GEN 1:1 Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume.
GEN 1:2 Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture.
GEN 1:3 Waaqnis, “Ifni haa taʼu” jedhe; ifnis ni taʼe.
GEN 1:4 Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase.
GEN 1:5 Waaqnis ifa sanaan “Guyyaa” jedhe; dukkana sanaan immoo “Halkan” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa.
GEN 1:6 Waaqnis, “Bishaanii fi bishaan gargar baasuuf bantiin bishaanota gidduu haa jiraatu” jedhe.
GEN 1:7 Kanaafuu Waaqni bantii tolchee bishaan bantii jalaatii fi kan bantiin olii gargar baase. Akkasumas taʼe.
GEN 1:8 Waaqnis bantii sana “samii” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa lammaffaa.
GEN 1:9 Waaqnis, “Bishaan samiidhaa gad jiru iddoo tokkotti walitti haa qabamu; lafti gogaanis haa mulʼatu” jedhe. Akkasumas taʼe.
GEN 1:10 Waaqni lafa gogaa sanaan “lafa” jedhe; bishaanicha walitti qabameen immoo “galaana” jedhee moggaase. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
GEN 1:11 Ammas Waaqni, “Lafti biqiltuuwwan haa baastu; biqiltuuwwan akkuma gosa gosa isaaniitti sanyii baasan, mukkeen ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa gosa isaaniitti lafa irratti haa argaman” jedhe. Akkasumas taʼe.
GEN 1:12 Laftis biqiltuu akkuma gosa isaatti sanyii baasu, muka ija kennu, kan iji isaas sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa isaatti baaste. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
GEN 1:13 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa sadaffaa.
GEN 1:14 Waaqnis akkana jedhe; “Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samii irratti ifawwan haa taʼan; isaanis mallattoowwan waqtiileen, guyyoonnii fi waggoonni ittiin beekaman haa taʼan;
GEN 1:15 isaanis ifawwan bantii samii irraa kan lafaaf ifa kennan haa taʼan.” Akkasumas taʼe.
GEN 1:16 Waaqni ifa gurguddaa lama uume; kunis akka ifni guddaan guyyaa, inni xinnaan immoo halkan moʼuuf. Akkasuma urjiiwwan illee uume.
GEN 1:17 Waaqnis akka isaan lafaaf ifa kennaniif bantii samii irra isaan kaaʼe;
GEN 1:18 kunis akka isaan guyyaa fi halkan moʼanii fi akka ifa sana dukkana irraa gargar baasaniif. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
GEN 1:19 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa afuraffaa.
GEN 1:20 Waaqnis, “Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii samii keessa haa barrisan” jedhe.
GEN 1:21 Kanaafuu Waaqni uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
GEN 1:22 Waaqnis, “Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise.
GEN 1:23 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa.
GEN 1:24 Waaqnis, “Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu” jedhe. Akkasumas taʼe.
GEN 1:25 Waaqni bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti, horii akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra mumunyuuqanis akkuma gosa gosa isaaniitti uume. Waaqni wanni kun akka gaarii taʼe arge.
GEN 1:26 Waaqnis, “Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan” jedhe.
GEN 1:27 Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
GEN 1:28 Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen.
GEN 1:29 Ergasii Waaqni akkana jedhe; “Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera.
GEN 1:30 Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota samii hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna.” Akkasumas taʼe.
GEN 1:31 Waaqnis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa.
GEN 2:1 Uumamni samiitii fi lafaa, kan waan isaan keessa jiru hundaas haala kanaan xumurame.
GEN 2:2 Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote.
GEN 2:3 Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse.
GEN 2:4 Seenaan samiiwwaniitii fi lafaa kan yeroo isaan uumamanii, yeroo Waaqayyo Waaqni lafaa fi samiiwwan uumee kanaa dha.
GEN 2:5 Sababii Waaqayyo Waaqni bokkaa hin roobsiniif, namni lafa qotus waan hin jiraatiniif margi tokko iyyuu lafa irratti hin mulʼanne; biqiltuunis lafa qotiisaa irratti hin biqille ture.
GEN 2:6 Garuu bishaan lafa keessaa burqee lafa hunda obaasa ture.
GEN 2:7 Waaqayyo Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
GEN 2:8 Waaqayyo Waaqnis Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe.
GEN 2:9 Waaqayyo Waaqni mukkeen gosa hundaa lafa keessaa biqilche; inni mukkeen ija namaatti tolanii fi nyaataafis gaarii taʼan biqilche. Iddoo biqiltuu sana keessas muka jireenyaatii fi muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisutu ture.
GEN 2:10 Lagni iddoo biqiltuu sana obaasu tokkos Eeden keessaa burqa ture; lagni sun Eedenii kaʼee gargar baʼee laga afur taʼe.
GEN 2:11 Maqaan laga tokkoffaa Phiishoon; innis guutummaa biyya Hawiilaa, iddoo warqeen jirutti naannaʼee yaaʼa.
GEN 2:12 Warqeen biyya sanaa gaarii dha; hapheen urgaaʼuu fi sardooniksiin achitti argamu.
GEN 2:13 Maqaan isa lammaffaa Giihooni; innis guutummaa lafa Itoophiyaatti naannaʼee yaaʼa.
GEN 2:14 Maqaan laga sadaffaa Xegroosi; innis karaa baʼa biiftuutiin Asoor cina yaaʼa. Lagni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
GEN 2:15 Waaqayyo Waaqni akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe.
GEN 2:16 Waaqayyo Waaqnis akkana jedhee nama ajaje; “Muka iddoo biqiltuu kana keessa jiru hunda irraa nyaachuu ni dandeessa;
GEN 2:17 garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii.”
GEN 2:18 Waaqayyo Waaqni, “Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf” jedhe.
GEN 2:19 Waaqayyo Waaqnis bineensaa fi simbirroota samii hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef.
GEN 2:20 Namichi sunis horii qeʼee hundaaf, simbirroota samii hundaaf, bineensa hundaaf maqaa baase. Addaamiif garuu gargaartuun isatti toltu hin argamne.
GEN 2:21 Kanaafis Waaqayyo Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche.
GEN 2:22 Waaqayyo Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
GEN 2:23 Namichis akkana jedhe; “Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti; foon kunis foon foon kootii ti; isheen waan dhiira irraa argamteef ‘dubartii’ jedhamti.”
GEN 2:24 Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
GEN 2:25 Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.
GEN 3:1 Bineensa Waaqayyo Waaqni uume hunda keessaa bofti haxxee ture. Dubartittiidhaanis, “Dhuguma Waaqni, ‘Muka iddoo biqiltuu keessa jiru kam irraa iyyuu hin nyaatinaa’ isiniin jedheeraa?” jedhe.
GEN 3:2 Dubartittiinis deebiftee bofa sanaan akkana jette; “Ija mukkeen iddoo biqiltuu keessa jiranii nyaachuu ni dandeenya;
GEN 3:3 garuu Waaqni, ‘Muka walakkaa iddoo biqiltuu sanaa keessa jiru irraa ija hin nyaatinaa; ittis hin buʼinaa; yoo kanaa achii ni duutuu’ jedheera.”
GEN 3:4 Bofichis deebisee dubartittiidhaan akkana jedhe; “Isin dhugumaan hin duutan.
GEN 3:5 Waaqni akka yommuu isin ija mukichaa nyaattan iji keessan banamu, akka isin waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan akka Waaqaa taatan ni beekaatii.”
GEN 3:6 Dubartittiinis yommuu akka iji mukichaa nyaataaf gaarii, kan ija namaatti tolu, ogummaa argachuufis akka nama gojomaasisu argitetti fudhattee nyaatte. Dhirsi ishees ishee wajjin ture; isaafis ni laatte; innis ni nyaate.
GEN 3:7 Iji lachan isaaniis ni baname; qullaa hafuu isaaniis beekan; kanaafis baala harbuu hodhanii marxoo tolfatan.
GEN 3:8 Akkuma aduun qabbanoofteenis namichii fi niitiin isaa utuu Waaqayyo Waaqni iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa dhagaʼan; isaanis mukkeen iddoo biqiltuu keessa Waaqayyo Waaqa duraa dhokatan.
GEN 3:9 Waaqayyo Waaqni garuu namicha waamee, “Ati eessa jirta?” jedheen.
GEN 3:10 Namichis deebisee, “Ani utuu ati iddoo biqiltuu keessa deemtuu nan dhagaʼe; waan qullaa koo tureefis nan sodaadhe; nan dhokadhes” jedheen.
GEN 3:11 Innis, “Eenyutu akka ati qullaa taate sitti hime? Muka ani ija isaa hin nyaatin jedhee si ajaje sana irraa nyaatte moo?” jedheen.
GEN 3:12 Namichis, “Dubartittii ati akka isheen na wajjin jiraattuuf naa kennite sanatu ija mukichaa irraa naa kenne; anis nan nyaadhe” jedhe.
GEN 3:13 Waaqayyo Waaqnis dubartittiidhaan, “Wanni ati hojjette kun maali?” jedhe. Dubartittiin immoo, “Bofti na gowwoomsinaanan nyaadhe” jette.
GEN 3:14 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni bofichaan akkana jedhe; “Ati sababii waan kana gooteef, “Horii hundumaa keessaa, bineensa hundumaa keessaas kan abaaramte ni taata! Bara jireenya keetii guutuu garaa keetiin lafa irra loota; biyyoo illee ni nyaatta.
GEN 3:15 Siʼii fi dubartittii, sanyii keetii fi sanyii ishee gidduutti diinummaa nan uuma; inni mataa kee ni tuma; atis koomee isaa ni iddita.”
GEN 3:16 Dubartittiidhaanis akkana jedhe; “Yommuu ati mucaa deessutti ani dhiphina kee akka malee nan baayʼisa; ciniinsuudhaanis ijoollee ni deessa. Fedhiin kee garuma dhirsa keetii taʼa; innis sirratti ol aantummaa qabaata.”
GEN 3:17 Addaamiin immoo akkana jedhe; “Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef, “Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati; atis bara jireenya keetii guutuu dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta.
GEN 3:18 Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti; atis biqiltuu lafaa ni nyaatta.
GEN 3:19 Ati waan lafa irraa argamteef, hamma lafatti deebitutti dafqa fuula keetiitiin buddeena nyaatta; waan biyyoo taateefis, gara biyyootti deebita.”
GEN 3:20 Addaamis sababii isheen haadha jiraatoo hundaa taateef niitii isaa “Hewaan” jedhee moggaase.
GEN 3:21 Waaqayyo Waaqni Addaamii fi Hewaaniif gogaa irraa uffata hojjetee isaanitti uffise.
GEN 3:22 Waaqayyo Waaqnis, “Kunoo namni waan gaarii fi waan hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera. Ammas harka isaa hiixatee, ija muka jireenyaa ciratee nyaachuun, bara baraanis jiraachuun isaaf eeyyamamuu hin qabu” jedhe.
GEN 3:23 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni lafa biqiltuu Eeden keessaa namicha baasee akka inni lafuma irraa argame sana misoomsu godhe.
GEN 3:24 Erga nama achii baasee booddee karaa muka jireenyaatti geessu eegsisuuf jedhee kiirubeelotaa fi goraadee bobaʼu kan asii fi achi gaggaragalu tokko Iddoo Biqiltuu Eedeniitiin gama baʼa biiftuu kaaʼe.
GEN 4:1 Addaam niitii isaa Hewaan bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaayinin deesse. Isheenis, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin ilma tokko argadheera” jette.
GEN 4:2 Itti aansitees obboleessa isaa Abeelin deesse. Abeel tiksee hoolotaa ture; Qaayin immoo lafa qota ture.
GEN 4:3 Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa Waaqayyoof aarsaa dhiʼeesse.
GEN 4:4 Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. Waaqayyo faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale.
GEN 4:5 Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe.
GEN 4:6 Waaqayyos Qaayiniin akkana jedhe; “Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe?
GEN 4:7 Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda.”
GEN 4:8 Qaayinis ergasii obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu mee dirreetti baanaa” jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaayin obboleessa isaa Abeelitti kaʼee isa ajjeese.
GEN 4:9 Waaqayyos, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee Qaayin gaafate. Qaayin immoo, “Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?” jedhee deebise.
GEN 4:10 Waaqayyo akkana jedhe; “Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira.
GEN 4:11 Ati amma abaaramaa dha; lafa dhiiga obboleessa keetii si harkaa fudhachuuf afaan banatte irraas ni ariʼamta.
GEN 4:12 Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata.”
GEN 4:13 Qaayin immoo Waaqayyoon akkana jedhe; “Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol.
GEN 4:14 Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa.”
GEN 4:15 Waaqayyo garuu, “Akkana miti; namni Qaayinin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama” jedheen. Waaqayyos akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaayinitti mallattoo godhe.
GEN 4:16 Ergasiis Qaayin fuula Waaqayyoo duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate.
GEN 4:17 Qaayin niitii isaa beeke; isheenis ulfooftee Henookin deesse. Qaayinis magaalaa tokko hundeesse; magaalaa sanas Henook jedhee maqaa ilma isaatiin waame.
GEN 4:18 Henook Iiraadin dhalche; Iiraadi Meʼeelin dhalche; Mehuuyaaʼeel Matusaaʼelin dhalche; Matusaaʼel immoo Laamehin dhalche.
GEN 4:19 Laameh dubartoota maqaan isaanii Aadaa fi Xiilaa jedhamu lamaan fuudhe.
GEN 4:20 Aadaan Yaabaalin deesse; Yaabaalis abbaa warra dunkaana keessa jiraatanii horii horsiisanii ture.
GEN 4:21 Maqaan obboleessa isaa Yuubaal ture; inni immoo abbaa warra kiraara rukutaniitii fi ulullee afuufanii ti.
GEN 4:22 Xiilaan immoo ilma Tuubaal Qaayin jedhamu kan naasii fi sibiila tumee meeshaawwan garaa garaa hojjetu deesse; obboleettiin Tuubaal Qaayinis Naʼamaa turte.
GEN 4:23 Laameh niitota isaatiin akkana jedhe; “Aadaa fi Xiilaan na dhagaʼaa; yaa niitota Laamehii dubbii koo dhaggeeffadhaa. Nama tokko waan inni na madeesseef, dargaggeessa tokko waan inni na miidheef ani isa ajjeeseera.
GEN 4:24 Yoo Qaayiniif dachaa torba haaloon baafame Laamehiif immoo dachaa torbaatamii torba ni baafama.”
GEN 4:25 Addaam ammas niitii isaa beeke; isheenis ilma deesse; maqaa isaas, “Erga Qaayin Abeelin ajjeesee as Waaqni iddoo Abeel daaʼima biraa naa kenneera” jettee “Seeti” jettee moggaafte.
GEN 4:26 Seetiifis ilmi ni dhalate; innis Enoosh jedhee isa moggaase. Bara sana namoonni maqaa Waaqayyoo waammachuu jalqaban.
GEN 5:1 Kun galmee sanyii Addaam. Waaqni yeroo nama uumetti akka fakkeenya Waaqaatti isa tolche.
GEN 5:2 Innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume; isaan eebbises. Yeroo uumamanis “Nama” jedhee isaan waame.
GEN 5:3 Addaam waggaa 130 jiraate; innis akka fakkaattii isaatti, akka bifa isaattis ilma dhalchee Seeti jedhee maqaa baaseef.
GEN 5:4 Addaam erga Seeti dhalatee booddee waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 5:5 Walumatti Addaam waggaa 930 jiraatee duʼe.
GEN 5:6 Seeti waggaa 105 jiraatee Enooshin dhalche.
GEN 5:7 Erga Enooshin dhalchee booddees Seeti waggaa 807 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 5:8 Walumatti Seeti waggaa 912 jiraatee duʼe.
GEN 5:9 Enoosh waggaa 90 jiraatee Qeenaanin dhalche.
GEN 5:10 Erga Qeenaanin dhalchee booddees Enoosh waggaa 815 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 5:11 Walumatti Enoosh waggaa 905 jiraatee duʼe.
GEN 5:12 Qeenaan waggaa 70 jiraatee Mahalaleelin dhalche.
GEN 5:13 Erga Mahalaleeliin dhalchee booddee Qeenaan waggaa 840 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 5:14 Walumatti Qeenaan waggaa 910 jiraatee duʼe.
GEN 5:15 Mahalaleel waggaa 65 jiraatee Yaaredin dhalche.
GEN 5:16 Erga Yaaredin dhalchee booddee Mahalaleel waggaa 830 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 5:17 Walumatti Mahalaleel waggaa 895 jiraatee duʼe.
GEN 5:18 Yaared waggaa 162 jiraatee Henookin dhalche.
GEN 5:19 Erga Henookin dhalchee booddee Yaared waggaa 800 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa qaba ture.
GEN 5:20 Walumatti Yaared waggaa 962 jiraatee duʼe.
GEN 5:21 Henook waggaa 65 jiraatee Matuuselaa dhalche.
GEN 5:22 Henook erga Matuuselaa dhalchee booddee waggaa 300 Waaqa wajjin deddeebiʼe; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 5:23 Walumatti Henook waggaa 365 jiraate.
GEN 5:24 Henook Waaqa wajjin deddeebiʼe; waan Waaqni isa fudhateef inni deebiʼee hin argamne.
GEN 5:25 Matuuselaan waggaa 187 jiraatee Laamehin dhalche.
GEN 5:26 Erga Laamehin dhalchee booddee Matuuselaan waggaa 782 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 5:27 Walumatti Matuuselaan waggaa 969 jiraatee duʼe.
GEN 5:28 Laameh waggaa 182 jiraatee ilma dhalche.
GEN 5:29 Innis, “Hojii nu lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennuu fi dadhabbii harka keenyaa kana keessatti nu jajjabeessa” jechuudhaan maqaa isaa Nohi jedhee moggaase.
GEN 5:30 Laameh erga Nohin dhalchee booddee waggaa 595 jiraate; innis ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 5:31 Walumatti Laameh 777 jiraatee duʼe.
GEN 5:32 Nohi erga waggaa 500 jiraatee booddee Seem, Haamii fi Yaafetin dhalche.
GEN 6:1 Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti,
GEN 6:2 Ilmaan Waaqaa akka intallan namootaa babbareedoo taʼan argan; isaan keessaas abbuma filatan fuudhan.
GEN 6:3 Yommus Waaqayyo, “Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa” jedhe.
GEN 6:4 Bara sanaa fi ergasiis Nefiiliimonni lafa irra turan; ilmaan Waaqaas yommuu gara intallan namaa dhaqanitti ijoollee dhalchan. Isaanis gootota durii warra beekamoo turan.
GEN 6:5 Waaqayyos akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge.
GEN 6:6 Waaqayyos waan lafa irratti nama uumeef ni gaabbe; garaan isaas ni gadde.
GEN 6:7 Kanaafuu Waaqayyo, “Ani sanyii namaa kan ofii kootiin uume lafa irraa nan balleessa. Namaa fi horii, uumama lafa irra munyuuqu, simbirroota samii nan balleessa; ani isaan uumuu kootti gaabbeeraatii” jedhe.
GEN 6:8 Nohi garuu fuula Waaqayyoo duratti surraa argate.
GEN 6:9 Seenaan Nohii fi maatii isaa kanaa dha. Nohi namoota bara isaa turan gidduutti nama qajeelaa, nama hirʼina hin qabne kan Waaqa wajjin deddeebiʼu ture.
GEN 6:10 Nohi ilmaan sadii dhalche; isaanis: Seem, Haamii fi Yaafet.
GEN 6:11 Lafti fuula Waaqaa duratti faalamtee jeequmsaan guutamte turte.
GEN 6:12 Sababii namoonni lafa irraa hundinuu karaa isaanii faalaniif, Waaqni akka lafti faalamte arge.
GEN 6:13 Kanaafuu Waaqni Nohiin akkana jedhe; “Waan lafti sababii isaaniitiin jeequmsaan guutamteef, ani nama hunda nan balleessa; kunoo ani dhugumaan lafaa fi isaan nan barbadeessa.
GEN 6:14 Ati muka Goofar irraa doonii tolfadhu; keessa isaattis kutaa garaa garaa qopheessi; keessaa fi duuba isaas hapheedhaan duuchi.
GEN 6:15 Haalli ati ittiin doonicha tolchitu kanaa dha; dheerina isaa dhundhuma dhibbaa sadii, balʼina isaa dhundhuma shantama, ol dheerina isaa dhundhuma soddoma godhi.
GEN 6:16 Doonichaaf bantii dhundhuma tokko ol kaʼu hojjedhu; cinaacha isaa irrattis balbala baasi; kanas abbaa darbii sadii jechuunis kan gadii, kan gidduutii fi kan gubbaa godhii hojjedhu.
GEN 6:17 Kunoo, ani uumamawwan lubbu qabeeyyii hunda samii jalaa balleessuuf bishaan badiisaa lafatti nan fida; wanni lafa irra jiraatu hundinuus ni bada.
GEN 6:18 Si wajjin garuu kakuu nan gala; atis doonii seenta; atii fi ilmaan kee, niitiin keetii fi niitonni ilmaan keetiis ni seentu.
GEN 6:19 Uumamawwan lubbu qabeeyyii hundumaa keessaa akka isaan si wajjin jiraataniif lama lama, kormaa fi dhalaa doonichatti galchi.
GEN 6:20 Simbirroota keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, horii keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaas akkuma gosa gosa isaaniitti, lama lama taʼanii jiraachuuf gara kee dhufu.
GEN 6:21 Waan nyaatamu hunda keessaa waa fuudhii of biratti walitti qabi! Kunis nyaata keetii fi nyaata isaanii ni taʼa.”
GEN 6:22 Nohi akkuma Waaqni isa ajajetti waan hunda hojjete.
GEN 7:1 Waaqayyos Nohiin akkana jedhe; “Ani akka ati dhaloota kana keessaa na duratti qajeelaa taate argeeraatii maatii kee hundumaa wajjin doonicha seeni.
GEN 7:2 Bineensa qulqulluu gosa hunda keessaa kormaa fi dhalaa cimdii torba, bineensa qulqulluu hin taʼin gosa hunda keessaa cimdii tokko,
GEN 7:3 gosa simbirrootaa hunda keessaa illee akka sanyiin lafa hunda irratti hafee jiraatuuf kormaa fi dhalaa cimdii torba fudhadhuu seeni.
GEN 7:4 Ani guyyaa torba booddee halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama bokkaa nan roobsa; uumama jiraataa ani mataan koo uume hunda lafa irraa nan haxaaʼa.”
GEN 7:5 Nohis waan Waaqayyo isa ajaje hunda ni hojjete.
GEN 7:6 Yeroo bishaan badiisaa dhufetti Nohi nama waggaa dhibba jaʼa ture.
GEN 7:7 Nohii fi ilmaan isaa, niitii isaatii fi niitonni ilmaan isaa bishaan badiisaa jalaa baʼuuf doonii seenan.
GEN 7:8 Bineensonni qulqulluu fi kan qulqulluu hin taʼin, simbirroonnii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundi, cimdii cimdiidhaan,
GEN 7:9 kormaa fi dhalaan gara Nohi dhufanii akkuma Waaqni Nohiin ajajetti doonicha seenan.
GEN 7:10 Guyyaa torba booddee bishaan badiisaa lolaʼee lafa guute.
GEN 7:11 Bara jireenya Nohi waggaa dhibba jaʼaffaa keessa, jiʼa lammaffaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha torbaffaatti burqaawwan tuujuba gurguddaa hundi ni dhoʼan; foddaawwan bishaan samiis ni banaman.
GEN 7:12 Bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafatti roobe.
GEN 7:13 Guyyuma sana Nohii fi ilmaan isaa, Seem, Haamii fi Yaafet, niitii isaatii fi niitota ilmaan isaa sadanii wajjin doonicha seenan.
GEN 7:14 Isaanis bineensota hunda, akkuma gosa isaaniitti, horii hunda akkuma gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundaa fi simbirroota hunda akkuma gosa isaaniitti, waan qoochoo qabu hundas of faana fudhatanii seenan.
GEN 7:15 Uumamawwan hafuura jireenyaa of keessaa qaban hundinuus cimdii cimdiidhaan gara Nohi dhufanii doonicha seenan.
GEN 7:16 Bineensonni akkuma Waaqni Nohin ajajetti dooniitti galan kormaa fi dhalaa uumamawwan lubbu qabeeyyii hundaa turan; ergasii immoo Waaqayyo alaan itti cufe.
GEN 7:17 Bishaan badiisaas ittuma fufee guyyaa afurtamaaf lafa irra ture; bishaan sunis dabalaa deemee doonii sana lafa irraa ol kaase.
GEN 7:18 Bishaanichis ol kaʼee lafa irratti akka malee baayʼate; dooniin sunis bishaanicha irra deeme.
GEN 7:19 Bishaanichis akka malee ol kaʼaa deemee tulluuwwan samii jala jiran hunda haguuge.
GEN 7:20 Bishaanichi dhundhuma kudha shan caalaa ol kaʼuudhaan tulluuwwan dhokse.
GEN 7:21 Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundi jechuunis, simbirroonni, horiin, bineensonni, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundii fi namoonni hundi ni barbadaaʼan.
GEN 7:22 Wanni lafa gogaa irra jiraatu kan funyaan isaatiin hafuura jireenyaa baafatu hundinuu ni duʼe.
GEN 7:23 Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundinuu ni haxaaʼaman; namnii fi horiin, uumamawwan lafa irra munyuuqanii fi simbirroonni samii, lafa irraa ni haxaaʼaman. Nohii fi warra isa wajjin doonii keessa turan qofattu hafe.
GEN 7:24 Bishaan sunis bultii dhibba tokkoo fi shantama lafa irra lolaʼe.
GEN 8:1 Waaqni garuu Nohin, bineensotaa fi horii isa wajjin doonii keessa turan hunda yaadate. Innis bubbee lafatti erge; bishaanichis gad gale.
GEN 8:2 Burqaawwan tuujubawwaniitii fi foddaawwan samiiwwanii ni cufaman; bokkaan samii keessaa gad roobus ni caame.
GEN 8:3 Bishaan sunis suutuma suuta lafa irraa hirʼachaa deemee dhuma bultii dhibba tokkoo fi shantamaatti gad buʼe.
GEN 8:4 Dooniin sunis guyyaa kudha torbaffaa jiʼa torbaffaatti tulluu Araaraati gubbaa qubate.
GEN 8:5 Bishaanichi hamma jiʼa kurnaffaatti gaduma galaa deeme. Guyyaa jalqaba jiʼa kurnaffaattis mataawwan tulluuwwanii mulʼatan.
GEN 8:6 Guyyaa afurtama booddee Nohi foddaa dooniitti baasee ture sana bane;
GEN 8:7 innis arraagessa tokko gad dhiise; arraagessi sunis hamma bishaanichi lafa irraa gogutti asii fi achi deddeebiʼaa ture.
GEN 8:8 Ergasii immoo akka bishaanichi lafa irraa hirʼate hubachuuf gugee tokko erge.
GEN 8:9 Garuu sababii bishaan lafa hunda irra guutee jiruuf gugeen sun iddoo qubatu dhabdee gara Nohi dooniitti deebite. Innis harka isaa gad hiixatee gugee sana gara dooniitti iddoo ofii jirutti ol galche.
GEN 8:10 Ammas guyyaa torba turee gugee sana doonii keessaa gad baasee erge.
GEN 8:11 Gugeen sunis galgala yommuu gara isaatti deebitetti kunoo, baala ejersaa kan amma kutame afaanitti qabattee turte. Kanaanis Nohi akka bishaanichi gad hirʼate beeke.
GEN 8:12 Ammas guyyaa biraa torba turee gugee sana deebisee erge; gugeen sun garuu lammata gara isaatti hin deebine.
GEN 8:13 Umurii Nohii waggaa dhibba jaʼaa fi tokkoffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti, bishaanichi lafa irraa goge. Nohis qadaada doonii sanaa irraa fuudhee ilaalee kunoo akka lafti gogde arge.
GEN 8:14 Guyyaa digdamii torbaffaa jiʼa lammaffaatti lafti guutummaan guutuutti gogde.
GEN 8:15 Waaqnis Nohiin akkana jedhe;
GEN 8:16 “Atii fi niitiin kee, ilmaan keetii fi niitonni ilmaan keetii kottaa doonii keessaa baʼaa.
GEN 8:17 Akka isaan lafa irratti baayʼataniif, akka isaan horanii lafa irratti baayʼataniif, gosa uumamawwan lubbu qabeeyyii si wajjin jiran hunda jechuunis simbirroota, bineensotaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hunda gad baasi.”
GEN 8:18 Kanaafuu Nohi ilmaan isaatii fi niitii isaa, niitota ilmaan isaa wajjin gad baʼe.
GEN 8:19 Bineensonni hundii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundinuu, simbirroonni hundi jechuunis wanni lafa irra jiraatu hundi gosuma gosaan doonii sana keessaa gad baʼan.
GEN 8:20 Nohis Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaare; horii fi simbirroota qulqulluu hunda keessaa fuudhee iddoo aarsaa sana irratti aarsaa gubamu dhiʼeesse.
GEN 8:21 Waaqayyos foolii tolaa sana urgeeffatee garaa isaa keessatti akkana jedhe; “Yoo wanni namni ijoollummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hammina taʼe illee ani sababii namaatiif jedhee lammata lafa hin abaaru. Ani akkan kanaan dura godhe sana deebiʼee uumamawwan jiraatoo hunda hin balleessu.
GEN 8:22 “Hamma lafti jirtutti, midhaan facaasuu fi walitti qabuun, dhaamochii fi hoʼi, bonnii fi ganni, halkanii fi guyyaan gonkumaa hin hafan.”
GEN 9:1 Waaqni akkana jedhee Nohii fi ilmaan isaa eebbise; “Horaa, baayʼadhaa, lafas guutaa.
GEN 9:2 Sodaachisuu fi naasisuun keessan bineensota lafaa hundumaa fi simbirroota samii hundumaa, uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa fi qurxummiiwwan galaanaa hundumaa irra haa buʼu; isaan harka keessanitti kennamaniiru.
GEN 9:3 Wanni jiraatuu fi wanni munyuuqu hundi nyaata isiniif ni taʼa. Ani akkuman biqila lalisaa isinii kenne sana ammas waan hunda isiniif nan kenna.
GEN 9:4 “Isin garuu foon lubbuu isaa wajjin jechuunis dhiiga isaa wajjin hin nyaatinaa.
GEN 9:5 Ani dhugumaan dhiiga keessan kan lubbuun keessan keessa jirtu nan barbaada. Bineensa hunda irraa nan barbaada. Obboleessa nama hundaa irraas lubbuu namaa nan barbaada.
GEN 9:6 “Nama dhiiga namaa dhangalaasu, dhiigni isaa harka namaatiin dhangalaafama; Waaqni bifa Waaqaatiin nama uumeetii.
GEN 9:7 Isinis horaa, baayʼadhaa; lafa guutaa, irrattis baayʼadhaa.”
GEN 9:8 Ergasii Waaqni Nohii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin turaniin akkana jedhe;
GEN 9:9 “Kunoo ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu koo nan hundeessa.
GEN 9:10 Akkasumas uumamawwan lubbu qabeeyyii isin wajjin turan hunda jechuunis simbirroota, horii fi bineensota lafaa hunda, waan isin wajjin doonii keessaa baʼe hunda, uumamawwan lafa irra jiraatan hunda wajjinis kakuu koo nan hundeessa.
GEN 9:11 Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa.”
GEN 9:12 Waaqni akkana jedhe; “Mallattoon kakuu kan ani ofii kootii fi isin gidduutti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii isin bira jiran hunda gidduutti, dhaloota dhufuuf jiru hundaaf galu kanaa dha.
GEN 9:13 Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
GEN 9:14 Yeroo ani lafa irratti duumessa fidee sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti,
GEN 9:15 ani kakuu koo kan ofii kootii fi isin gidduu, uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa gidduus jiru sana nan yaadadha. Bishaanonnis deebiʼanii lubbuu hunda balleessuuf gonkumaa bishaan badiisaa hin taʼan.
GEN 9:16 Yeroo sabbanni koo duumessa keessaan mulʼatutti, ani isa ilaalee kakuu bara baraa kan Waaqaa fi uumamawwan lubbu qabeeyyii gosa hundaa kanneen lafa irra jiraatan gidduu jiru sana nan yaadadha.”
GEN 9:17 Kanaafuu Waaqni Nohiin, “Kun mallattoo kakuu ani ofii kootii fi lubbuu lafa irra jiraatu hunda gidduu dhaabe sanaa ti” jedhe.
GEN 9:18 Ilmaan Nohi warri doonii keessaa baʼan Seem, Haamii fi Yaafet turan. Haam abbaa Kanaʼaanii ti.
GEN 9:19 Ilmaan Nohi jara kana sadan turan; sanyiin namaa kan lafa hunda irra bittinneeffames isaanuma irraa argame.
GEN 9:20 Nohi qonnaan bulaa taʼee wayinii dhaabuutti nama jalqabaa ture.
GEN 9:21 Innis daadhii wayinii sanaa dhugee machaaʼe; qullaa isaas dunkaana isaa keessa ciise.
GEN 9:22 Haam abbaan Kanaʼaan qullaa abbaa isaa argee obboloota isaa lamaan ala turanitti hime.
GEN 9:23 Seemii fi Yaafeti garuu wayyaa fuudhanii gatiittii isaanii lamaan irra buufatanii dugda duubaan deemanii qullaa abbaa isaaniitti uffisan. Waan fuulli isaanii achi garagalee tureef isaan qullaa abbaa isaanii hin argine.
GEN 9:24 Nohis yeroo machiin isaa irraa galetti waan ilmi isaa inni xinnaan isatti hojjete beekee
GEN 9:25 akkana jedhe; “Kanaʼaan abaaramaa haa taʼu! Inni obboloota isaatiif garba garbootaa haa taʼu.”
GEN 9:26 Akkanas jedhe; “Waaqayyo Waaqni Seem haa eebbifamu! Kanaʼaan immoo garbicha Seem haa taʼu.
GEN 9:27 Waaqni biyya Yaafet haa balʼisu; Yaafet dunkaanota Seem keessa haa jiraatu; Kanaʼaan immoo garbicha isaa haa taʼu.”
GEN 9:28 Bishaan badiisaa booddee Nohi waggaa 350 jiraate.
GEN 9:29 Walumatti Nohi waggaa 950 jiraatee duʼe.
GEN 10:1 Seenaan ilmaan Nohi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan.
GEN 10:2 Ilmaan Yaafet: Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
GEN 10:3 Ilmaan Goomer: Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
GEN 10:4 Ilmaan Yaawaan: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
GEN 10:5 Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan.
GEN 10:6 Ilmaan Haam: Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
GEN 10:7 Ilmaan Kuushi: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. Ilmaan Raʼimaa: Shebaa fi Dedaan turan.
GEN 10:8 Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
GEN 10:9 Innis fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame.
GEN 10:10 Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture.
GEN 10:11 Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare;
GEN 10:12 akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha.
GEN 10:13 Misrayim immoo abbaa Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
GEN 10:14 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
GEN 10:15 Kanaʼaan abbaa Siidoon ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa,
GEN 10:16 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
GEN 10:17 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
GEN 10:18 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture. Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan;
GEN 10:19 daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.
GEN 10:20 Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
GEN 10:21 Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture.
GEN 10:22 Ilmaan Seem Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.
GEN 10:23 Ilmaan Arraam Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
GEN 10:24 Arfaakshad Sheelaa dhalche; Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
GEN 10:25 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
GEN 10:26 Yooqxaan immoo Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
GEN 10:27 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
GEN 10:28 Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
GEN 10:29 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
GEN 10:30 Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.
GEN 10:31 Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
GEN 10:32 Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.
GEN 11:1 Bara sana addunyaan guutuun afaan tokkoo fi haasaa tokko qaba ture.
GEN 11:2 Namoonni akkuma gara baʼa biiftuutti godaananiin, Shineʼaar keessatti lafa diriiraa argatanii achi qubatan.
GEN 11:3 Isaanis, “Kottaa mee xuubii hojjennee ibiddaan gubnaa” waliin jedhan. Isaanis qooda dhagaa, xuubiitti fayyadaman; hapheedhaaf immoo leeleetti fayyadaman.
GEN 11:4 Ergasii, “Kottaa mee akka ofii keenyaa maqaa argannuu fi akka addunyaa guutuu irra hin bibittinnoofneef magaalaa gamoon isaa samii qaqqabu tokko ijaarrannaa” jedhan.
GEN 11:5 Waaqayyo garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe.
GEN 11:6 Waaqayyos akkana jedhe; “Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu.
GEN 11:7 Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!”
GEN 11:8 Kanaafuu Waaqayyo achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan.
GEN 11:9 Waan Waaqayyo achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; Waaqayyo iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.
GEN 11:10 Seenaan maatii Seem kana. Bishaan badiisaa booddee waggaa lamatti Seem yeroo umuriin isaa waggaa 100 guutetti Arfaakshadin dhalche.
GEN 11:11 Seem erga Arfaakshadin dhalchee booddee waggaa 500 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 11:12 Arfaakshad waggaa 35 jiraatee Sheelaa dhalche.
GEN 11:13 Arfaakshad erga Sheelaa dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 11:14 Sheelaan waggaa 30 jiraatee Eeberin dhalche.
GEN 11:15 Sheelaan erga Eeberin dhalchee booddee waggaa 403 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 11:16 Eeber waggaa 34 jiraatee Felegin dhalche.
GEN 11:17 Eeber erga Felegin dhalchee booddee waggaa 430 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 11:18 Felegi waggaa 30 jiraatee Reʼuu dhalche.
GEN 11:19 Felegi erga Reʼuu dhalchee booddee waggaa 209 jiraatee ilmaanii fi intallan biraas dhalche.
GEN 11:20 Reʼuun waggaa 32 jiraatee Seruugin dhalche.
GEN 11:21 Reʼuun erga Seruugin dhalchee booddee waggaa 207 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 11:22 Seruugi waggaa 30 jiraatee Naahoorin dhalche.
GEN 11:23 Seruugi erga Naahoorin dhalchee booddee waggaa 200 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 11:24 Naahoor waggaa 29 jiraatee Taaraa dhalche.
GEN 11:25 Naahoor erga Taaraa dhalchee booddee waggaa 119 jiraatee ilmaanii fi intallan biraa dhalche.
GEN 11:26 Taaraan waggaa 70 jiraatee Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche.
GEN 11:27 Seenaan maatii Taaraa kana. Taaraan Abraam, Naahoorii fi Haaraanin dhalche. Haaraan immoo Looxin dhalche.
GEN 11:28 Haaraan utuma abbaan isaa Taaraan jiruu Uuri biyya Kaldootaa keessatti lafuma itti dhalatetti duʼe.
GEN 11:29 Abraamii fi Naahoor niitii fuudhan. Maqaan niitii Abraam Saaraa, maqaan niitii Naahoor immoo Miilkaa ture. Miilkaan intala Haaraan. Haaraan kun immoo abbaa Miikaatii fi Yiskaa ture.
GEN 11:30 Saaraan dhabduu turte; ijoollees hin deenye.
GEN 11:31 Taaraan ilma isaa Abraamin, ilma ilma isaa jechuunis Loox ilma Haaraanii fi niitii ilma isaa jechuunis Saaraa niitii Abraam fudhatee Kanaʼaan dhaquuf, Uuri biyya Kaldootaatii walii wajjin baʼan; garuu yeroo Kaaraan gaʼanitti achuma qubatan.
GEN 11:32 Taaraan waggaa 205 jiraatee Kaaraanitti duʼe.
GEN 12:1 Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Biyya kee, saba keetii fi mana abbaa keetii dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi.
GEN 12:2 “Ani saba guddaa sin taasisa; sin eebbisas; maqaa kee illee guddaa nan taasisa; atis eebba taataa.
GEN 12:3 Ani warra si eebbisan nan eebbisa; warra si abaaran nan abaara; sabni lafa irraa hundinuu karaa keetiin eebbifama.”
GEN 12:4 Kanaafuu Abraam akkuma Waaqayyo isatti himetti kaʼee deeme; Looxis isa wajjin deeme. Abraam yeroo Kaaraanii baʼetti nama waggaa torbaatamii shan ture.
GEN 12:5 Innis niitii isaa Saaraa, ilma obboleessa isaa Loox, qabeenya walitti kuufatan hundumaa fi namoota Kaaraanitti argatan hundumaa qabatee Kanaʼaan dhaquuf kaʼe; isaanis achi gaʼan.
GEN 12:6 Abraamis hamma qilxuu Mooree kan Sheekem keessatti argamuutti biyyattii keessa deeme. Yeroo sana warri Kanaʼaan biyya sana keessa turan.
GEN 12:7 Waaqayyo Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedheen. Kanaafuu inni achitti Waaqayyo isatti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaare.
GEN 12:8 Achii kaʼee gara gaarran Beetʼeel irraa gara baʼa biiftuutti argamanii deemee Beetʼeelin gara lixa biiftuutti, Aayin immoo gara baʼa biiftuutti hambisee dunkaana isaa dhaabbate. Achitti Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree maqaa Waaqayyoo waammate.
GEN 12:9 Abraam ergasii kaʼee gara Negeebitti karaa isaa itti fufe.
GEN 12:10 Bara sana beelli biyya sanatti buʼee ture; beelli sun waan hammaateef Abraam achi jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe.
GEN 12:11 Innis yeroo Gibxi seenuu gaʼetti niitii isaa Saaraan akkana jedhe; “Ani akka ati dubartii bareedduu taate nan beeka.
GEN 12:12 Warri Gibxi yommuu si argan, ‘Kun niitii isaa ti’ jedhanii na ajjeesu; siʼi immoo ni hambisu.
GEN 12:13 Akka isaan siif jedhanii haala tolaan na ilaalanii fi akka lubbuun koos sababii keetiin duʼa ooltuuf maaloo, ‘Ani obboleettii isaa ti’ jedhi.”
GEN 12:14 Yeroo Abraam Gibxi seenettis warri Gibxi akka Sooraan dubartii baayʼee bareedduu taate argan.
GEN 12:15 Qondaaltonni Faraʼooniis yommuu ishee arganitti ishee jajanii Faraʼoonitti himan; isheenis masaraa mootummaa Faraʼooniitti geeffamte.
GEN 12:16 Faraʼoon sababii isheetiif jedhee Abraamin haala tolaadhaan ilaale; Abraamis hoolotaa fi loon, harroota korommii fi dhaltuu, tajaajiltoota dhiiraa dubartii, gaalas argate.
GEN 12:17 Waaqayyo garuu sababii niitii Abraam, sababii Saaraatiif jedhee Faraʼoonii fi warra mana isaa jiraatan dhukkuba hamaan dhaʼe.
GEN 12:18 Kanaafuu Faraʼoon Abraamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maal natti hojjette? Akka isheen niitii kee taate maaliif natti hin himin?
GEN 12:19 Ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jettee, akka ani niitummaaf ishee fudhadhu na goote? Ammas niitiin kee kunoo ti; ishee fudhadhuu deemi!”
GEN 12:20 Faraʼoonis waaʼee Abraam irratti namoota isaa ajaje; isaanis Abraamii fi niitii isaa, waan inni qabu hunda wajjin geggeessan.
GEN 13:1 Abraam niitii isaatii fi waan qabu hunda wajjin Gibxii kaʼee Negeebitti ol baʼe; Looxis isa wajjin deeme.
GEN 13:2 Abraamis horiin, meetii fi warqeedhaan akka malee soorome.
GEN 13:3 Innis Negeebii kaʼee hamma Beetʼeel, iddoo Beetʼeelii fi Aayi gidduu, lafa dunkaanni isaa jalqabatti ture sana gaʼutti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti deemsa isaa itti fufe;
GEN 13:4 iddoon sunis lafa inni yeroo jalqabaatiif iddoo aarsaa itti ijaaree dha. Abraamis achitti maqaa Waaqayyoo waammate.
GEN 13:5 Loox namichi Abraam wajjin deemaa ture suni akkasuma bushaayee, saawwanii fi dunkaanota qaba ture.
GEN 13:6 Yeroo isaan walii wajjin jiraatanitti lafti isaanitti dhiphatte; sababii qabeenyi isaanii akka malee guddateefis isaan wal bira jiraachuu hin dandeenye.
GEN 13:7 Kanaafuu tiksoota Abraamii fi tiksoota Loox gidduutti lolli uumame. Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Feerzonnis biyya sana keessa jiraachaa turan.
GEN 13:8 Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin.
GEN 13:9 Lafti hundi fuula kee dura jirti mitii? Kottu gargari godaannaa. Yoo ati gara bitaatti deemte, ani gara mirgaatti nan deema; yoo ati gara mirgaatti deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.”
GEN 13:10 Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu Waaqayyoo akkuma biyya Gibxi kan karaa Zoʼaar irra jiru sanaa bishaan baayʼee qabu arge. Kunis utuu Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa hin balleessiniin dura ture.
GEN 13:11 Kanaafuu Loox hurufa Yordaanos guutummaatti ofii isaatii filatee gara baʼa biiftuutti godaane. Jarri lamaanis akkasitti gargari baʼan.
GEN 13:12 Abraam biyya Kanaʼaan keessa jiraate; Loox immoo magaalaawwan dirree irra jiran gidduu jiraatee dunkaana isaa Sodoom bira dhaabbate.
GEN 13:13 Warri Sodoom jalʼoota fuula Waaqayyoo duratti akka malee cubbuu hojjetan turan.
GEN 13:14 Erga Loox isa biraa godaanee booddee Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Iddoo amma jirtu kanaa ija kee ol fudhadhuutii gara kaabaa fi kibbaa, gara baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu ilaali.
GEN 13:15 Anis biyya ati argitu kana hunda bara baraan siʼii fi sanyii keetiif nan kenna.
GEN 13:16 Ani sanyii kee akkuma biyyoo lafaa nan baayʼisa; yoo namni biyyoo lafaa lakkaaʼuu dandaʼe, sanyiin kee akkasuma lakkaaʼamuu dandaʼa.
GEN 13:17 Kaʼiitii dheerinaa fi balʼina lafa kanaa keessa dedeemi; ani isa siifin kennaatii.”
GEN 13:18 Kanaafuu Abraam dunkaana isaa buqqifatee qilxuuwwan Mamree kanneen Kebroonitti argaman bira jiraachuu dhaqe; achittis iddoo aarsaa Waaqayyoof tolche.
GEN 14:1 Bara sana keessa Amraafel mootiin Shineʼaar, Ariyook mootiin Elaasaar, Kedoorlaaʼomer mootiin Eelaamii fi Tidiʼaal mootiin Sabootaa kaʼanii,
GEN 14:2 Beraa mooticha Sodoom, Birishaa mooticha Gomoraa, Shinaab mooticha Adimaa, Shemeeber mooticha Zebooʼiimii fi mooticha Belaa ishee Zoʼaar jedhamtu sanaa loluu dhaqan.
GEN 14:3 Mootonni shanan kunneen hundi sulula Siidiim isa Galaana Soogiddaa jedhamu keessatti wal gaʼanii humna tokkummaa uummatan.
GEN 14:4 Isaanis waggaa kudha shan Kedoorlaaʼomer jalatti bulan; waggaa kudha sadaffaatti garuu ni fincilan.
GEN 14:5 Waggaa kudha afuraffaatti Kedoorlaaʼomerii fi mootonni isa wajjin turan baʼanii warra Refaayiim Ashteroot Qaarnaayimiitti, warra Zuuziim Haamitti, warra Eemiim Shaawii Kiriyaataayimiitti,
GEN 14:6 warra Hoori immoo lafa gaara Seeʼiiriitii jalqabanii hamma Eel Phaaraan kan gammoojjiitti dhiʼoo jiru sanaatti moʼatan.
GEN 14:7 Ergasii of irra deebiʼanii Een Mishiphaati jechuunis Qaadesh dhaqanii biyya warra Amaaleq hundaa fi warra Amoor kanneen Hazezoon Taamaar keessa jiraatan humnaan qabatan.
GEN 14:8 Mootichi Sodoom, mootichi Gomoraa, mootichi Adimaa, mootichi Zebooʼiimii fi mootichi Belaa jechuunis Zoʼaar baʼanii Sulula Siidiim keessatti loluuf hiriiran.
GEN 14:9 Isaanis Kedoorlaaʼomer mootii Eelaam, Tidiʼaal mootii Sabootaa, Amraafel mootii Shineʼaariitii fi Ariyook mootii Elaasaar lolan; mootonni afran kunneen mootota shananiin morman.
GEN 14:10 Sululli Siidiim boolla leeleetiin guutamee ture; mootonni Sodoomii fi mootonni Gomoraas baqatanii namoonni tokko tokko boolla sana keessa buʼan; warri hafan immoo gara gaarraniitti baqatan.
GEN 14:11 Mootonni afran sun miʼaa fi nyaata warra Sodoomii fi Gomoraa hunda saamanii sokkan.
GEN 14:12 Waan Loox ilmi obboleessa Abraam Sodoom keessa jiraachaa tureef mootonni sun isa illee qabeenyuma isaa wajjin boojiʼanii deeman.
GEN 14:13 Namichi baqatee baʼe tokko dhufee oduu kana Abraam Ibrichatti hime. Abraamis qilxuuwwan Mamree kan namicha Amoorii sana bira jiraachaa ture; Mamreen kun obboleessa Eshkoolii fi Aaneer ture; isaan Abraam wajjin kakuu galanii turan.
GEN 14:14 Abraam akka firri isaa boojiʼame dhageenyaan namoota mana isaatti dhalatanii leenjifaman 318 walitti waammatee hidhachiisee hamma Daaniitti faana buʼe.
GEN 14:15 Abraamis isaan loluuf jedhee halkaniin namoota isaa gargari qoode; hamma Hoobaa ishee kaaba Damaasqootti argamtu sanaattis faana buʼee isaan dhaʼe.
GEN 14:16 Innis miʼa hunda deebifate; fira ofii isaa Looxii fi qabeenya isaa, dubartootaa fi namoota kaanis deebifate.
GEN 14:17 Abraam Kedoorlaaʼomeri fi mootota isa wajjin turan moʼatee deebinaan mootiin Sodoom Sulula Shaawii kan Sulula Mootii jedhamu keessatti isa simachuu baʼe.
GEN 14:18 Malkiiseedeq mootiin Saaleemis buddeenaa fi daadhii wayinii fideef; innis luba Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii ture;
GEN 14:19 innis akkana jedhee Abraamin eebbise; “Abraam, Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, isa samii fi lafa uume sanaan haa eebbifamu.
GEN 14:20 Waaqayyo Waaqni Waan Hundaa Olii, inni diinota kee dabarsee harka keetti kenne sun haa eebbifamu.” Ergasii Abraam waan hunda irraa kudhan keessaa tokko isaaf kenne.
GEN 14:21 Mootiin Sodoomis Abraamiin, “Namoota naa kenniitii qabeenya immoo ofii keetii fudhadhu” jedhe.
GEN 14:22 Abraam garuu mootii Sodoomiitiin akkana jedhe; “Ani harka koo gara Waaqayyo, Waaqa Waan Hundaa Olii, Uumaa samiitii fi lafaatti ol fudhadhee kakadheen jira;
GEN 14:23 akka ati, ‘Anatu Abraamin sooromse’ hin jenneef ani waan kan kee taʼe keessaa tokko iyyuu, foʼaa yookaan teepha ittiin kophee hidhatan iyyuu hin fudhadhu.
GEN 14:24 Waan namoonni koo nyaatanii fi qooda namoota ana wajjin deemanii jechuunis qooda Aaneer, kan Eshkooliitii fi kan Mamree malee ani ofii koo homaa hin fudhadhu; isaan qooda isaanii haa fudhatan.”
GEN 15:1 Kana booddee dubbiin Waaqayyoo mulʼataan gara Abraam dhufee akkana jedhe; “Yaa Abraam hin sodaatin; ani gaachana keetii fi gatii kee guddicha.”
GEN 15:2 Abraam garuu, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, waan ani ijoollee hin qabneef namni qabeenya koo dhaaluuf jiru Eliiʼezer namicha Damaasqoo kana; egaa ati maal naa kennita?” jedhe.
GEN 15:3 Abraam, “Kunoo ati ijoollee tokko illee naa hin kennine; hojjetaan mana koo jiraatu tokko kunoo na dhaaluuf jira” jedhe.
GEN 15:4 Kunoo dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Ilma gudeeda keetiitu dhaaltuu kee taʼa malee namichi kun dhaaltuu kee hin taʼu” jedhe.
GEN 15:5 Innis Abraamin gad baasee, “Samiiwwan ol ilaaliitii yoo urjiiwwan lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi” jedhe. Itti fufees, “Sanyiin kees akkanuma baayʼata” jedheen.
GEN 15:6 Abraam Waaqayyotti amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef.
GEN 15:7 Innis, “Ani Waaqayyo isa akka ati ishee dhaaltuuf biyya kana siif kennuuf jedhee Uuri biyya Kaldootaa keessaa si baasee dha” jedheen.
GEN 15:8 Abraam garuu, “Yaa Waaqayyoo Gooftaa, ani biyya kana dhaaluu koo akkamittin beeka?” jedhe.
GEN 15:9 Kanaafuu Waaqayyo, “Goromsa tokko, reʼee tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii waggaa sadii sadii guutan, akkasumas gugee tokkoo fi gugee sookkee tokko naa fidi” jedheen.
GEN 15:10 Abraamis warra kana hunda gara isaatti fidee, qixxee lamaanitti kukkute; warra qixxee lamaanitti kukkutamanis gamaa gamana kaaʼe; simbirroota garuu qixxee lamaanitti hin kukkunne.
GEN 15:11 Ergasii allaattiin foon sanatti gad buute; Abraam garuu irraa ariʼe.
GEN 15:12 Utuma aduun dhiʼaa jirtuu hirribni guddaan Abraamin qabe; kunoo dukkanni guddaanii fi sodaachisaan isa irra buʼe.
GEN 15:13 Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Akka sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼee waggaa dhibba afuris achitti garboomfamee cunqurfamu dhugumaan beeki.
GEN 15:14 Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan qabeenya guddaa fudhatanii achii baʼu.
GEN 15:15 Ati garuu nagaan gara abbootii keetii dhaqxa; bara dheeraas jiraattee awwaalamta.
GEN 15:16 Sanyiin kee dhaloota afuraffaatti as deebiʼa; cubbuun Amoorotaa amma iyyuu hin guunneetii.”
GEN 15:17 Yommuu aduun lixxee dukkanaaʼettis kunoo barbadaan ibiddaa aaru guca tokko wajjin mulʼatee foon kukkutame sana gidduu darbe.
GEN 15:18 Gaafa sanas Waaqayyo akkana jedhee Abraam wajjin kakuu gale; “Ani biyya laga Gibxii jalqabee hamma laga Efraaxiis guddichaatti jiru kana sanyii keetiif nan kenna;
GEN 15:19 kunis biyya Qeenotaa, Qeneezotaa, Qadmoonotaas,
GEN 15:20 kan Heetotaa, Feerzotaa, Refaayimootaa,
GEN 15:21 Amoorotaa, Kanaʼaanotaa Girgaashotaatii fi kan Yebuusotaa jechuu dha.”
GEN 16:1 Saaraan niitiin Abraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Aggaar jedhamtu tokko qabdi turte; Aggaaris nama biyya Gibxi turte;
GEN 16:2 Saaraanis Abraamiin, “Kunoo Waaqayyo ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii” jette. Abraamis waan Sooraan jette fudhate.
GEN 16:3 Erga Abraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Aggaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite.
GEN 16:4 Abraamis Aggaar wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte. Yommuu akka ulfoofte of irratti beektetti giiftii ishee tuffachuu jalqabde.
GEN 16:5 Saaraan immoo Abraamiin, “Miidhaa na mudate kanatti situ gaafatama. Garbittii koo anattu bobaa kee jala siif galche; amma garuu isheen akka ulfoofte of irratti beeknaan na tuffatte. Egaa Waaqayyo sii fi ana gidduutti murtii haa kennu” jette.
GEN 16:6 Abraamis, “Garbittiin kee keessa harkuma kee jirti; waanuma feete ishee godhi” jedheen. Saaraanis akka malee ishee cunqursite; kanaafuu Aggaar fuula ishee duraa sokkite.
GEN 16:7 Ergamaan Waaqayyoo gammoojjii keessatti, burqaa bishaanii tokko biratti Aggaarin arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuuritti geessu irra ture.
GEN 16:8 Ergamaan sunis, “Yaa Aggaar, garbittii Saaraa, ati eessaa dhufte? Eessa dhaquutti jirta?” jedhe. Isheenis, “Giiftii koo Saaraa baqachuuttin jira” jetteen.
GEN 16:9 Kana irratti ergamaan Waaqayyoo sun, “Gara giiftii keetiitti deebiʼi; gad of qabiitii isheef buli” jedheen.
GEN 16:10 Ergamaan Waaqayyoo sunis itti dabalee, “Ani sanyii kee akka malee nan baayʼisa; sababii baayʼina isaatiifis namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandaʼu” jedhe.
GEN 16:11 Ergamaan Waaqayyoo sun amma illee akkana isheen jedhe; “Kunoo ati ulfoofteerta; ilmas ni deessa. Maqaa isaas Ishmaaʼeel jedhii moggaasi; Waaqayyo dhiphachuu kee dhagaʼeeraatii.
GEN 16:12 Inni nama akka harree diidaa taʼa; harki isaa nama hunda irratti kaʼa; harki nama hundaas isa irratti kaʼa; obboloota isaa hundaanis jibbamaa jiraata.”
GEN 16:13 Isheenis maqaa Waaqayyo isheetti dubbate sanaa, “Elrooʼii” jettee waamte. Isheen, “Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera” jetteertiitii.
GEN 16:14 Sababiin boolli bishaanii sun, “Beʼeer Lahaayirooʼii” jedhameefis kanuma. Innis hamma harʼaatti illee Qaadeshii fi Bereed gidduu jira.
GEN 16:15 Aggaaris Abraamiif ilma deesse; Abraamis ilma isheen deesse sana Ishmaaʼeel jedhee moggaase.
GEN 16:16 Yeroo Aggaar Ishmaaʼeelin isaaf deessetti Abraam nama waggaa saddeettamii jaʼaa ture.
GEN 17:1 Yeroo Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii turetti Waaqayyo isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa Waan Hundumaa Dandaʼuu dha; ati fuula koo dura amanamummaan deddeebiʼi; hirʼinas hin qabaatin.
GEN 17:2 Ani kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba; guddaas sin baayʼisa.”
GEN 17:3 Abraamis adda isaatiin lafatti gombifame; Waaqnis akkana isaan jedhe;
GEN 17:4 “Kunoo, kakuun ani si wajjin galu kana: ati abbaa saba baayʼee taata.
GEN 17:5 Ati siʼachi Abraam jedhamtee hin waamamtu; waan ani abbaa saboota baayʼee si taasiseef maqaan kee Abrahaam taʼa.
GEN 17:6 Ani akka ati guddaa baayʼattu nan godha; akka sabni hedduun si keessaa argamu nan godha; mootonnis si keessaa ni argamu.
GEN 17:7 Ani Waaqa keetii fi Waaqa sanyii kee kan si duubaan dhufuu taʼuuf jedhee kakuu koo anaa, sii fi sanyii kee kan si duubaa, dhaloota dhufuuf jiru gidduutti kakuu bara baraa godhee nan dhaaba.
GEN 17:8 Biyya Kanaʼaan guutuu lafa ati amma orma taatee jiraattu kana ani dhaala bara baraa godhee siʼii fi sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna; anis Waaqa isaanii nan taʼa.”
GEN 17:9 Waaqni Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati immoo kakuu koo eeguu qabda; ati, sanyiin kee warri si duubaas dhaloota isaanii keessatti kakuu koo eeguu qabdu.
GEN 17:10 Kakuun koo kan isin anaa fi siʼi gidduutti, sanyii kee kan siʼi duubaan dhufu gidduuttis eeguu qabdan kanaa dha; innis isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabatu.
GEN 17:11 Qola keessan dhagna qabadhaa; kunis kakuu anaa fi isin gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
GEN 17:12 Isin keessaa dhiirri guyyaa saddeet guute dhagna haa qabatu; dhaloota keessan hunda keessatti dhiirri mana keetti dhalate yookaan kan nama biyya ormaa irraa maallaqa keetiin bitame hundi kan sanyii kee hin taʼin dhagna haa qabatu.
GEN 17:13 Mana keetti dhalatanis yookaan maallaqa keetiin bitamanis isaan dhagna haa qabatan. Kakuun koo kan foon keessan irratti godhame kun kakuu bara baraa taʼa.
GEN 17:14 Dhiirri dhagna hin qabatin, kan qola foon isaa dhagna hin qabatin kam iyyuu saba ofii isaa keessaa balleeffama; inni kakuu koo cabseeraatii.”
GEN 17:15 Waaqni ammas Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati siʼachi niitii kee Sooraadhaan, Sooraa hin jettu; maqaan ishee Saaraa taʼa.
GEN 17:16 Ani ishee nan eebbisa; ishee irraas ilma siif nan kenna. Akka isheen haadha sabootaa taatuufis ishee nan eebbisa; mootonni sabootaas ishee keessaa argamu.”
GEN 17:17 Abrahaamis addaan gombifame; kolfees, “Nama waggaa dhibbaatiif ilmi ni dhalataa? Saaraanis waggaa sagaltamatti mucaa deessii?” jedhee yaade.
GEN 17:18 Abrahaamis Waaqaan, “Maaloo utuu Ishmaaʼeel fuula kee dura naa jiraatee!” jedhe.
GEN 17:19 Waaqnis akkana jedhe; “Tole; garuu niitiin kee Saaraan ilma siif deessi; maqaa isaas Yisihaaq jedhii moggaasi. Anis kakuu koo sanyii isaa kan isa duubaan dhufuuf kakuu bara baraa godhee isa wajjin nan dhaaba.
GEN 17:20 Waaʼee Ishmaaʼeel immoo ani si dhagaʼeera; kunoo ani, isa nan eebbisa; akka inni baayʼatu nan godha; guddaa isa nan baayʼisa. Inni abbaa bulchitoota kudha lamaa taʼa; anis saba guddaa isa nan godha.
GEN 17:21 Kakuu koo garuu Yisihaaq isa Saaraan waggaa dhufu keessa yeroo kanatti siif deessu wajjin nan dhaaba.”
GEN 17:22 Waaqni erga Abrahaam wajjin haasaʼee fixatee booddee isa biraa ol baʼe.
GEN 17:23 Abrahaamis guyyuma sana ilmaan isaa Ishmaaʼeelii fi warra mana isaatti dhalatan yookaan warra maallaqa isaatiin bitaman hunda, dhiira mana isaa hundumaas fuudhee akkuma Waaqni isatti himetti dhagna qabe.
GEN 17:24 Abrahaam yeroo dhagna qabatetti nama waggaa sagaltamii sagalii ture.
GEN 17:25 Ilmi isaa Ishmaaʼeel immoo yeroo dhagna qabatetti nama waggaa kudha sadii ture.
GEN 17:26 Abrahaamii fi ilmi isaa Ishmaaʼeel guyyuma sana dhagna qabatan.
GEN 17:27 Dhiirri mana Abrahaam hundinuu, warri mana isaatti dhalatan yookaan warri orma irraa maallaqaan bitamanis isa wajjin dhagna qabatan.
GEN 18:1 Utuma Abrahaam guyyaa saafaadhaan qilxuu Mamree bira balbala dunkaana isaa dura taaʼee jiruu Waaqayyo isatti mulʼate.
GEN 18:2 Abrahaamis ol ilaalee namoota isa bira dhadhaabatan sadii arge. Innis akkuma isaan argeen balbala dunkaana isaa duraa kaʼee isaan simachuudhaaf itti fiige; hamma lafa gaʼuttis gad jedhee harka fuudhe.
GEN 18:3 Innis akkana jedheen; “Gooftaa ko, yoo ani si duratti fudhatama argadhe, garbicha kee bira hin darbin.
GEN 18:4 Bishaan xinnoo isiniif haa fidan; miilla dhiqadhaatii muka kana jala boqodhaa.
GEN 18:5 Erga isin gara garbicha keessanii dhuftanii, ani akka isin dadhabbii baatanii karaa keessan itti fuftaniif waan isin nyaattan isiniifin kenna.” Isaanis, “Akkuma jette sana godhi” jedhanii deebisan.
GEN 18:6 Kanaafuu Abrahaam dafee Saaraatti dunkaana seenee, “Dafii daakuu bullaaʼaa safartuu sadii sukkuumiitii maxinoo tolchi” jedheen.
GEN 18:7 Innis gara saawwaniitti fiigee jabbii gabbatee itti tole tokko filatee hojjetaa tokkotti kenne; hojjetaan sunis qopheessuuf ariifate.
GEN 18:8 Abrahaamis itittuu fi aannan, foon jabbii qopheeffame sanas geessee isaanii dhiʼeesse; yeroo isaan nyaachaa turanittis Abrahaam muka tokko jala isaan bira dhaabachaa ture.
GEN 18:9 Isaanis, “Niitiin kee Saaraan eessa jirti?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Kuunnoo dunkaana keessa jirti” jedheen.
GEN 18:10 Isaan keessaa tokko, “Ani dhugumaan bara dhufu keessa yeroo akkanaatti deebiʼee gara kee nan dhufa; niitiin kee Saaraanis ilma ni deessi” jedhe. Yeroo sana Saaraan balbala dunkaanaa kan isa duubaan jiru keessaan dhaggeeffachaa turte.
GEN 18:11 Abrahaamii fi Saaraan umuriin isaanii dheeratee dulloomanii turan; Saaraanis umurii itti mucaa daʼuu dandeessu dabartee turte.
GEN 18:12 Kanaafuu Saaraan, “Ani erga jaaree bututee, gooftaan koos erga dulloomee booddee, gammachuu kana qabaachuu nan dandaʼaa?” jettee of keessatti kolfite.
GEN 18:13 Kana irratti Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe; “Saaraan maaliif, ‘Ani ergan dulloomee booddee amma dhugumaan mucaa nan daʼaa?’ jettee kolfite?
GEN 18:14 Wanni Waaqayyoof hin dandaʼamne tokko iyyuu jiraa? Ani bara dhufu keessa yeroo murteeffametti deebiʼee gara kee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi.”
GEN 18:15 Saaraanis waan sodaatteef sobdee, “Ani hin kolfine” jette. Inni garuu, “Lakkii kolfiteertaa” jedhe.
GEN 18:16 Namoonni sun yommuu deemuuf kaʼanitti gara Sodoom gad ilaalan; Abrahaamis isaan geggeessuuf jedhee isaan wajjin baʼe.
GEN 18:17 Ergasii Waaqayyo akkana jedhe; “Ani waanan gochuuf jiru Abrahaamin nan dhoksaa?
GEN 18:18 Abrahaam dhugumaan saba guddaa fi jabaa taʼa; sabni lafa irraa hundinuu karaa isaatiin eebbifama.
GEN 18:19 Akka inni ijoollee isaatii fi sanyii isaa warra isa duubaan dhufan, akka isaan waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuudhaan karaa Waaqayyoo eegan ajajuuf ani isa filadheeraatii; kunis akka Waaqayyo waan Abrahaamiif kakate sana isaaf guutuuf.”
GEN 18:20 Waaqayyos akkana jedhe; “Iyyi Sodoomii fi Gomoraa irratti iyyame guddaa dha; cubbuun isaaniis waan akka malee hamaa taʼeef
GEN 18:21 ani gad buʼee akka wanni isaan hojjetan akkuma iyya na qaqqabe sanaa hamaa taʼe nan ilaala. Yoo akkas taʼuu baate immoo natu beeka.”
GEN 18:22 Namoonni sunis garagalanii Sodoomitti qajeelan; Abrahaam garuu Waaqayyo dura dhaabatee hafe.
GEN 18:23 Abrahaamis isatti dhiʼaatee akkana jedhe; “Ati nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin ni balleessitaa?
GEN 18:24 Yoo namoonni qajeeloon shantamni magaalattii keessa jiraatan hoo? Ati dhugumaan ishee ni balleessitaa? Sababii qajeelota shantamman ishee keessa jiraatan sanaatiif jettee ishee hin oolchituu?
GEN 18:25 Qajeelaa fi hamaa wal qixxee ilaaluudhaan nama qajeelaa nama hamaa wajjin balleessuun sirraa haa fagaatu. Kun sirraa haa fagaatu! Abbaan murtii lafa hundaa waan qajeelaa hin hojjetuu?”
GEN 18:26 Waaqayyos, “Ani yoo magaalaa Sodoom keessatti qajeeltota shantama argadhe, isaaniif jedhee iddoo sana guutuu nan oolcha” jedhe.
GEN 18:27 Abrahaam ammas akkana jedhe; “Kunoo ani utuman awwaaraa fi daaraa taʼee jiruu Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadheera;
GEN 18:28 yoo baayʼinni qajeeltotaa shantama irraa shan hirʼate hoo? Ati sababii namoota shanan sanaatiif jettee magaalaa sana guutuu ni balleessitaa?” Innis, “Ani yoo nama afurtamii shan achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhe.
GEN 18:29 Abrahaam amma illee, “Yoo qajeeltonni afurtamni qofti achitti argaman hoo?” jedhee isatti dubbate. Gooftaanis, “Ani warra afurtama sanaaf jedhee nan dhiisa” jedhe.
GEN 18:30 Abrahaamis, “Mee nan dubbadhaatii Gooftaan, hin aarin. Yoo namoonni soddomni qofti achitti argaman hoo?” jedhe. Gooftaanis, “Ani yoon nama soddoma achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhee deebise.
GEN 18:31 Abrahaamis, “Kunoo amma erga ani Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadhe, yoo namoonni digdamni qofti achitti argaman hoo?” jedhe. Gooftaanis, “Ani sababii namoota digdama sanaatiif jedhee ishee hin balleessu” jedhe.
GEN 18:32 Abrahaamis, “Yaa Gooftaa amma illee yeroo tokko waa sin gaafadhaatii maaloo hin aarin; yoo namni kudhan qofti achitti argame hoo?” jedhe. Gooftaan immoo, “Ani sababii namoota kurnan sanaatiif jedhee ishee hin balleessu” jedhe.
GEN 18:33 Waaqayyos erga Abrahaam wajjin dubbatee fixee booddee achii deeme. Abrahaam immoo iddoo ofii isaatti deebiʼe.
GEN 19:1 Ergamoonni Waaqayyoo sun lamaan galgala sana Sodoom gaʼan; Looxis karra Sodoomii dura taaʼaa ture. Innis yeroo jara argetti, isaan simachuuf kaʼee isaanitti deeme; gad jedhees adda isaatiin lafatti gombifame.
GEN 19:2 Innis, “Yaa gooftota ko, maaloo mana garbicha keessaniitti goraatii miilla dhiqadhaa bulaa; barii barraaqaan kaatanii karaa keessan itti fufuu dandeessu” jedhe. Isaan immoo, “Hin taʼu; nu waltajjii karaa irra bullaa” jedhaniin.
GEN 19:3 Inni garuu akka malee isaan dirqisiise; kanaafuu goranii mana isaa seenan; innis maxinoo tolchee nyaata qopheesseef; isaanis ni nyaatan.
GEN 19:4 Utuu isaan hin rafin namoonni kutaalee magaalaa Sodoom hunda keessaa dhufan hundi dargaggoonnii fi jaarsoliin mana sana marsan.
GEN 19:5 Isaanis Looxin waamanii, “Namoonni galgala kana gara kee dhufan eessa jiru? Akka nu isaan wajjin ciifnuuf gad nuu yaasi” jedhan.
GEN 19:6 Looxis jara sanatti gad baʼee balbala of duubaan cufe;
GEN 19:7 Akkanas jedhe; “Yaa obboloota ko, waan hamaa kana hin hojjetinaa!
GEN 19:8 Kunoo ani intallan lama kanneen takkumaa dhiira wajjin hin ciisin qaba. Lamaanuu gad isinii nan baasa; isinis waan feetan isaan gochuu dandeessu. Namoota kanneen garuu waan isaan bantii mana koo jala jiraniif homaa isaan hin godhinaa.”
GEN 19:9 Isaanis, “Badi asii!” jedhaniin. Ittuma fufaniis, “Namichi kun nama ormaa kan nu keessa jiraachuu dhufee dha; amma immoo abbaa murtii nutti taʼuu fedha! Nu waan hamaa jara irratti hojjennu caalaa sirratti hojjenna” jedhaniin. Isaanis Looxin humnaan dhiibanii balbala sana cabsuu gaʼan.
GEN 19:10 Namoonni sunis hiixatanii Looxin harkisanii manatti ol deebisan; balbalichas ni cufan.
GEN 19:11 Ergasii immoo namoota balbala manaa dura turan sana akka isaan balbalicha hin argineef xinnaa fi guddaa isaanii dhaʼichaan ija jaamsan.
GEN 19:12 Namoonni lamaan sun Looxiin akkana jedhan; “Ati nama biraa tokko illee jechuunis soddoota, ilmaan yookaan intallan yookaan nama kan kee taʼe tokko illee magaalaa kana keessaa qabdaa? Asi keessa isaan baafadhu;
GEN 19:13 nu iddoo kana balleessuuf deemnaatii. Sababii iyyi saba ishee irratti iyyame fuula Waaqayyoo duratti guddaa taʼeef, Waaqni akka nu ishee balleessinuuf nu ergeera.”
GEN 19:14 Kanaafuu Loox gad baʼee soddoota isaa warra intallan isaa fuudhuuf jiraniin, “Sababii Waaqayyo magaalaa kana balleessuuf kaʼeef, dafaatii asii baʼaa!” jedhe. Soddoonni isaa garuu waan inni qoosu seʼan.
GEN 19:15 Yeroo boruun diimatetti ergamoonni Waaqayyoo sun Looxin jarjarsanii, “Niitii keetii fi intallan kee lamaan as jiran fudhadhuutii dafii baʼi! Yoo kanaa achii yeroo magaalattiin adabamtutti atis ni baddaa” jedhaniin.
GEN 19:16 Inni garuu duubatti harkifate; waan Waaqayyo isaaniif garaa laafeef namoonni sun harka isaatii fi harka niitii isaa, intallan isaa lamaanis harka qabanii magaalattii keessaa isaan baasan.
GEN 19:17 Akkuma gad isaan baasaniinis ergamoota sana keessaa inni tokko, “Lubbuu kee oolfachuuf baqadhu! Of duuba hin milʼatin! Dirree irra iddoo tokko illee hin dhaabatin! Tulluuwwanitti ol baqadhu; yoo kanaa achii ni baddaa!” jedhe.
GEN 19:18 Loox garuu akkana isaaniin jedhe; “Yaa gooftota ko, maaloo akkas miti!
GEN 19:19 Kunoo garbichi kee fuula kee duratti fudhatama argateera; ati lubbuu koo oolchitee gara laafina guddaa na argisiifteerta. Ani garuu gara tulluutti ol baqachuu hin dandaʼu; balaan kun na argata; anis nan duʼa.
GEN 19:20 Kunoo, magaalaan itti baqachuun dandaʼamu tokko as dhiʼoo jirti; isheen xinnoo dha. Ani gara isheetti nan baqadha; isheen baayʼee xinnoo dha mitii? Akkasitti lubbuun koo ni baraaramti.”
GEN 19:21 Ergamaan sunis akkana jedheen; “Kunoo, ani kadhaa kana siif nan dhagaʼa; magaalaa ati waaʼee ishee dubbattu kana ani hin balleessu.
GEN 19:22 Garuu sababii ani hamma ati achi geessutti homaa gochuu hin dandeenyeef dafii achitti baqadhu!” Wanni magaalaan sun Zoʼaar jedhamteefis kanuma.
GEN 19:23 Yeroo Loox Zoʼaar gaʼetti aduun baatee turte.
GEN 19:24 Waaqayyo samiiwwan keessaa Waaqayyo biraa, dinyii bobaʼu Sodoomii fi Gomoraa irratti roobse.
GEN 19:25 Innis akkasiin magaalaawwan kanneenii fi dirreewwan sana guutuu, warra magaalaawwan sana keessa jiraatan hundaa fi biqiltuu biyya sanaa balleesse.
GEN 19:26 Niitiin Looxi garuu of duuba ilaaltee utubaa soogiddaa taatee hafte.
GEN 19:27 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee iddoo duraan fuula Waaqayyoo dura dhaabachaa ture sanatti deebiʼe.
GEN 19:28 Innis gara magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraa, gara lafa dirree sanaa hundaas ilaalee aara akka aara boolla ibiddaa keessaa baʼuu tokko isaa biyya sana keessaa ol kaʼu arge.
GEN 19:29 Waaqni yeroo magaalaawwan dirree sanaa balleessetti Abrahaamin yaadate; kanaafuu yommuu magaalaawwan Loox keessa jiraachaa ture balleessetti Looxin balaa sana keessaa baase.
GEN 19:30 Loox waan Zoʼaar keessa jiraachuu sodaateef intallan isaa lamaan wajjin Zoʼaarii baʼee gaarran irra qubate. Innis intallan isaa lamaan wajjin holqa tokko keessa jiraate.
GEN 19:31 Gaaf tokko intalli isaa isheen hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Abbaan keenya dulloomeera; akka bartee lafa hunda irra jiruutti dhiirri nu wajjin ciisu tokko iyyuu naannoo kan hin jiru.
GEN 19:32 Kottu mee abbaa keenya daadhii wayinii obaasnee isa wajjin ciifnaa; akkasiin sanyiin abbaa keenyaa lafa irratti akka hafu goona.”
GEN 19:33 Isaanis halkan sana abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli isheen hangafti ol seentee isa wajjin ciifte. Inni yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne.
GEN 19:34 Guyyaa itti aanutti intalli hangafti ishee quxisuudhaan akkana jette; “Kunoo ani eda abbaa koo wajjin ciiseera. Kottu edanas daadhii wayinii isa obaasnaa; atis ol seenii isa wajjin ciisi; akkasitti sanyiin abbaa keenyaa akka hafu goona.”
GEN 19:35 Isaan halkan sanas abbaa isaanii daadhii wayinii obaasan; intalli quxisuun dhaqxee isa wajjin ciiste. Inni ammas yeroo isheen ciiste yookaan yeroo isheen kaate hin beekne.
GEN 19:36 Akkasiin intallan Loox lamaanuu abbaa isaaniitiif ulfaaʼan.
GEN 19:37 Intalli isheen hangafti ilma deessee maqaa isaa Moʼaab jettee moggaafte. Inni abbaa Moʼaabota harʼaa ti.
GEN 19:38 Intalli isheen quxisuunis ilma deessee maqaa isaa Ben-Amii jettee moggaafte; inni immoo abbaa Amoonota harʼaa ti.
GEN 20:1 Abrahaam achii kaʼee Negeebitti godaanee Qaadeshii fi Shuuri gidduu jiraate. Innis yeroodhaaf Geraaraa keessa ture.
GEN 20:2 Achittis Abrahaam, “Isheen obboleettii koo ti” jedhee waaʼee niitii isaa, waaʼee Saaraa dubbate. Abiimelek mootiin Geraaraas nama itti ergee Saaraa fudhate.
GEN 20:3 Waaqni immoo halkan abjuudhaan Abiimelekitti dhufee, “Kunoo sababii dubartii sana fuudhatteef ati nama duʼee dha; isheen dhirsa qabdiitii” jedheen.
GEN 20:4 Abiimelek garuu isheetti hin dhiʼaanne ture; kanaafuu inni akkana jedhe; “Yaa Gooftaa ati saba qajeelaa balleessitaa?
GEN 20:5 Inni mataan isaa, ‘Isheen obboleettii koo ti’ naan hin jennee? Isheenis akkasuma, ‘Inni obboleessa koo ti’ hin jennee? Anis sammuu qulqulluu fi harka qulqulluudhaan waan kana hojjedhe.”
GEN 20:6 Waaqni abjuu sana keessa akkana isaan jedhe; “Eeyyee! Ani akka ati sammuu qulqulluudhaan waan kana hojjette beeka; kanaafuu ani akka ati cubbuu natti hin hojjenneef si dhowween jira. Sababiin ani akka ati ishee bira geessu si hin dhiisiniifis kanuma.
GEN 20:7 Egaa amma niitii namichaa deebisiif; inni waan raajii taʼeef, Waaqa siif kadhata; atis ni jiraatta. Garuu yoo ishee deebisuu baatte, ati akka duutu, warri kan kee taʼan hundis akka duʼan dhugumaan beeki.”
GEN 20:8 Abiimelek guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee qondaaltota isaa hunda walitti waamee waan taʼe hunda isaanitti hime; isaanis akka malee sodaatan.
GEN 20:9 Abiimelekis Abrahaamin ofitti waamee akkana jedheen; “Ati maaliif akkana nu goote? Ani maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkanaa anaa fi mootummaa kootti fidde? Ati waan namni hin hojjenne anatti hojjette.”
GEN 20:10 Abiimelekis “Ati maaliif waan kana hojjette?” jedhee Abrahaamin gaafate.
GEN 20:11 Abrahaam immoo akkana jedhee deebise; “Ani, ‘Biyya kana keessa dhugumaan Waaqa sodaachuun hin jiru; isaan sababii niitii kootiif jedhanii na ajjeesu’ jedheen yaadee ture.
GEN 20:12 Taʼus isheen dhugumaan obboleettii koo ti; yoo haadha koo irraa dhalachuu baatte iyyuu isheen intaluma abbaa koo ti; isheenis niitii koo taate.
GEN 20:13 Anis yeroo Waaqni mana abbaa kootii na baase sana isheedhaan, ‘Haalli ati ittiin jaalala naaf qabdu mulʼiftu kanaa dha; lafa nu dhaqnu hundumaatti, “Inni obboleessa koo ti” jedhiitii waaʼee koo dubbadhun’ jedhe.”
GEN 20:14 Abiimelek ergasii hoolaa fi loon, garboota dhiiraa fi nadheenii fidee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraas ni deebiseef.
GEN 20:15 Abiimelekis, “Kunoo biyyi koo fuula kee dura jira; idduma feete jiraadhu” jedheen.
GEN 20:16 Saaraadhaanis, “Kunoo ani meetii saqilii kuma tokko obboleessa keetiifin kenna. Kunis akka dhugaa qabaachuun kee fuula warra si wajjin jiranii duratti beekamuuf; ati guutumaan guutuutti dhugaa argatteerta” jedhe.
GEN 20:17 Abrahaamis Waaqa kadhate; Waaqni immoo Abiimelek, niitii isaatii fi garboota isaa dubartoota fayyise; isaanis ijoollee godhatan.
GEN 20:18 Waaqayyo sababii niitii Abrahaam sababii Saaraatiif jedhee gadameessa dubartoota mana Abiimelek jiraatanii hunda cufee tureetii.
GEN 21:1 Waaqayyo akkuma dubbate sana Saaraa yaadate; Waaqayyo waan waadaa galeef sana ni raawwateef.
GEN 21:2 Saaraan ulfooftee bara dulluma isaa keessa yeruma Waaqni waadaa isaaf seene sanatti Abrahaamiif ilma deesse.
GEN 21:3 Abrahaamis ilma Saaraan isaaf deesse sana Yisihaaq jedhee moggaase.
GEN 21:4 Abrahaam akkuma Waaqni isa ajaje sanatti Yisihaaq dhalatee guyyaa saddeetitti dhagna isa qabe.
GEN 21:5 Yeroo ilmi isaa Yisihaaq dhalateefitti Abrahaam nama waggaa dhibbaa ture.
GEN 21:6 Saaraanis, “Waaqni kolfa naa kenneera; namni waan kana dhagaʼu hundis na wajjin kolfa” jette.
GEN 21:7 Ittuma fuftees, “Silaa eenyutu Abrahaamiin, ‘Saaraan daaʼima hoosisti’ jedha ture? Garuu ani bara dulluma isaa keessa ilma nan daʼeef” jette.
GEN 21:8 Mucichi guddatee harma guufame; Abrahaam gaafa Yisihaaq harma guufame sana cidha guddaa qopheesse.
GEN 21:9 Saaraan garuu yeroo ilmi Aggaar Gibxittiin Abrahaamiif deesse sun Yisihaaqitti qoosu argite;
GEN 21:10 isheenis Abrahaamiin, “Garbittii kanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii kanaa kun ilma koo Yisihaaq wajjin hin dhaaluutii” jette.
GEN 21:11 Wanni kunis sababii ilma isaatiif Abrahaamin akka malee rakkise.
GEN 21:12 Waaqni garuu akkana jedheen; “Waaʼee garbittii keetiitii fi waaʼee mucichaa hin yaaddaʼin. Sababii sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamamuuf waan Saaraan siin jettu hunda dhagaʼi.
GEN 21:13 Inni sanyii kee waan taʼeef ani ilma garbittii sanaa saba nan taasisa.”
GEN 21:14 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee nyaata muraasaa fi bishaan qalqala tokko fuudhee Aggaariif kenne. Waan kanas gatiittii ishee irra kaaʼeefii mucaa wajjin ariʼe; isheenis achii baatee Gammoojjii Bersheebaa keessa joorte.
GEN 21:15 Yommuu bishaan qalqala keessaa dhumetti, isheen mucaa ishee daggala tokko jala keesse.
GEN 21:16 Isheenis, “Mucaa kana isaa duʼu ani hin ilaalu” jettee garaa isheetti waan yaaddeef gara darba xiyyaa tokko xinnoo achi hiiqxee naannoo isaa teesse; achi teessees sagalee ishee ol fudhattee boosse.
GEN 21:17 Waaqni booʼicha mucichaa ni dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo samii keessaa Aggaarin waamee akkana jedheen; “Yaa Aggaar ati maal taate? Hin sodaatin; Waaqni booʼicha mucichaa iddoo inni ciisee jiruu dhagaʼeeraatii.
GEN 21:18 Sababii ani saba guddaa isa godhuuf kaʼiitii harka keetiin mucicha ol fuudhi; jabeessiitii isa qabi.”
GEN 21:19 Waaqni ija ishee baneefii jennaan boolla bishaanii tokko argite. Kanaafuu dhaqxee qalqala sana bishaaniin guuttee, waan inni dhugu mucichaaf kennite.
GEN 21:20 Waaqnis mucicha wajjin ture; mucichis ni guddate. Innis gammoojjii keessa jiraate; xiyya darbachuudhaanis beekamaa ture.
GEN 21:21 Innis gammoojjii Phaaraan keessa jiraate; haati isaas biyya Gibxiitii niitii argatteef.
GEN 21:22 Yeroo sana Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa Abrahaamiin akkana jedhan; “Waan ati hojjettu hunda keessatti Waaqni si wajjin jira.
GEN 21:23 Ati akka ana yookaan ijoollee koo yookaan sanyii koo hin gowwoomsine amma as fuula Waaqaa duratti naa kakadhu. Akkuma ani garaa siif laafe sana atis anaa fi biyya amma orma taatee keessa jiraattu kanaaf garaa laafi.”
GEN 21:24 Abrahaamis, “Ani nan kakadha” jedhe.
GEN 21:25 Ergasii Abrahaam waaʼee boolla bishaanii garboonni Abiimelek isa irraa fudhatan tokkoo Abiimelekitti himate.
GEN 21:26 Abiimelek immoo, “Ani nama waan kana hojjete hin beeku. Atis natti hin himne; ani waaʼee isaa harʼuman dhagaʼe” jedhe.
GEN 21:27 Kanaafuu Abrahaam hoolaa fi loon fidee Abiimelekiif kenne; jarri lamaanis walii galtee uummatan.
GEN 21:28 Abrahaam gorommii hoolaa torba bushaayee keessaa kophaatti baase;
GEN 21:29 Abiimelekis, “Hiikkaan gorommii hoolaa torban ati kophaa isaanii baafte kanneenii maali?” jedhee Abrahaamin gaafate.
GEN 21:30 Abrahaamis, “Akka ani boolla bishaanii kana qotadhe akka ragaa taʼuuf, gorommii hoolaa torban kanneen na harkaa fudhadhu” jedhee deebise.
GEN 21:31 Sababii jarri lamaan sun achitti walii kakataniif iddoon sun Bersheebaa jedhamee waamame.
GEN 21:32 Erga walii galteen sun Bersheebaatti taʼee booddee Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa gara biyya Filisxeemotaatti deebiʼan.
GEN 21:33 Abrahaamis Bersheebaa keessa muka tamirii dhaabe; innis achitti maqaa Waaqayyo Waaqa Bara Baraa waammate.
GEN 21:34 Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa bara dheeraa jiraate.
GEN 22:1 Yeroo muraasa booddee Waaqni Abrahaamin qore. Innis, “Abrahaam!” jedhee isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
GEN 22:2 Waaqnis akkana jedheen; “Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi.”
GEN 22:3 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Waaqni isatti hime sanaatti qajeele.
GEN 22:4 Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol ilaalee iddoo sana fagootti arge.
GEN 22:5 Innis hojjettoota isaatiin, “Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa” jedhe.
GEN 22:6 Abrahaamis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu,
GEN 22:7 Yisihaaq, “Yaa abbaa koo” jedhee abbaa isaa Abrahaamitti dubbate. Abrahaamis, “Asan jira ilma koo” jedhee deebise. Yisihaaqis deebisee, “Ibiddii fi qoraan kunoo ti; hoolaan qalma gubamuuf taʼu immoo eessa jira?” jedhe.
GEN 22:8 Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan.
GEN 22:9 Yeroo iddoo Waaqni isatti hime sana gaʼanitti, Abrahaam iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse.
GEN 22:10 Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate.
GEN 22:11 Ergamaan Waaqayyoo garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
GEN 22:12 Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe.
GEN 22:13 Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse.
GEN 22:14 Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.
GEN 22:15 Ergamaan Waaqayyoo sunis samii keessaa lammata Abrahaamin waamee
GEN 22:16 akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha;
GEN 22:17 ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu.
GEN 22:18 Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama.”
GEN 22:19 Ergasii Abrahaam tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis walumaan Bersheebaatti qajeelan; Abrahaamis Bersheebaa keessa jiraate.
GEN 22:20 Yeroo muraasa booddee akkana jedhamee Abrahaamitti himame; “Kunoo, Miilkaan obboleessa kee Naahooriif ilmaan deesseerti;
GEN 22:21 ilmaan isheen deesses inni hangafni Uuzi, obboleessi isaa Buuz, abbaan Arraam immoo Qamuʼeel,
GEN 22:22 Keseedi, Hazoo, Fiildaas, Yiidlaafii fi Betuuʼeel jedhamu.”
GEN 22:23 Betuuʼeel Ribqaa dhalche.
GEN 22:24 Naahor saajjatoo Reʼuumaa jedhamtu tokko qaba ture; isheen ilmaan Xebaa, Gaham, Tahaashii fi Maʼakaa jedhaman deesseef.
GEN 23:1 Saaraan waggaa dhibba tokkoo fi digdamii torba jiraatte; barri jireenya Saaraas kanuma ture.
GEN 23:2 Isheenis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon biyya Kanaʼaan keessaa sanatti duute; Abrahaamis Saaraadhaaf gadduu fi booʼuudhaaf jedhee dhaqe.
GEN 23:3 Abrahaam reeffa niitii isaa biraa kaʼee Heetotaan akkana jedhe;
GEN 23:4 “Ani gidduu keessanitti ormaa fi keessummaa dha. Akka ani duʼaa koo itti awwaalladhuuf lafa awwaalaaf taʼu natti gurguraa.”
GEN 23:5 Heetonnis akkana jedhanii Abrahaamii fi deebii kennan;
GEN 23:6 “Gooftaa, nu dhagaʼi. Ati nu gidduutti shuumii jabaa dha. Duʼaa kee iddoo awwaala keenyaa keessaa kan akka malee filatamaa taʼetti awwaalladhu. Nu keessaa namni iddoo awwaala isaatti duʼaa kee awwaallachuu si dhowwatu tokko iyyuu hin jiru.”
GEN 23:7 Abrahaamis ol kaʼee fuula namoota biyya sanaa fuula Heetotaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
GEN 23:8 Akkanas isaaniin jedhe; “Ani duʼaa koo akkan awwaalladhu fedhii yoo qabaattan na dhagaʼaatii Efroon ilma Zoohar sana naa kadhadhaa.
GEN 23:9 Innis holqa Makfelaa jedhamu kan qarqara lafa qotiisaa isaatti argamu sana natti ni gurgura. Inni iddoo awwaalaa sana gatii guutuudhaan fuula keessan duratti akka natti gurguruuf naa gaafadhaa.”
GEN 23:10 Efroon Heetichi saba isaa gidduu taaʼaa ture; innis utuma Heetonni gara karra magaalaa isaa dhufan sun hundi dhagaʼanuu akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne;
GEN 23:11 “Gooftaa ko, akkana miti; mee na dhaggeeffadhu; ani lafa qotiisaa kana siif nan kenna; holqa achi jirus siif nan kenna; ani fuula saba koo duratti holqa kana siifin kenna; duʼaa kee itti awwaalladhu.”
GEN 23:12 Abrahaam amma illee fuula saba biyya sanaa duratti gad jedhee harka fuudhee,
GEN 23:13 utuma isaan dhagaʼanuu Efrooniin, “Yoo fedhii kee taʼe, na dhagaʼi. Ani gatii lafa qotiisaa kanaa nan kaffala. Akka ani duʼaa koo achitti awwaalladhuuf gatii kana na harkaa fudhadhu” jedhe.
GEN 23:14 Efroonis akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne;
GEN 23:15 “Gooftaa ko, mee na dhagaʼi; gatiin lafa kanaa meetii saqilii dhibba afur taʼa; garuu kun anaa fi si gidduutti maali? Duʼaa kee itti awwaalladhu.”
GEN 23:16 Abrahaamis waan Efroon dubbate sana fudhatee gatii inni utuma Heetonni dhagaʼanuu himate sana madaaleef; gatiin sunis akka madaalii daldaltoota yeroo sanaatti meetii saqilii dhibba afur ture.
GEN 23:17 Akkasitti lafti qotiisaa Efroon kan fuula Mamree dura, Makfelaa keessa jiru sun jechuunis lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru, mukni daangaa lafa qotiisaa sana keessa jiru hundi,
GEN 23:18 fuula Heetota gara karra magaalaa dhufan hundaa duratti akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame.
GEN 23:19 Ergasii Abrahaam biyya Kanaʼaan keessa, holqa Makfelaa kan Mamree bira jechuunis Kebroon bira jiru sanatti niitii isaa Saaraa Awwaallate.
GEN 23:20 Akkasitti lafa qotiisaa sunii fi holqi achi keessaa akka lafa awwaalaa taʼuuf Heetota irraa akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame.
GEN 24:1 Yeroo sana Abrahaam dulloomee, umuriin isaa akka malee dheeratee ture; Waaqayyos waan hundumaan isa eebbise.
GEN 24:2 Innis tajaajilaa mana isaa hangafa kan waan inni qabu hunda irratti itti gaafatamaa taʼeen akkana jedhe; “Mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼi.
GEN 24:3 Ani akka ati intallan warra Kanaʼaan kanneen ani gidduu isaanii jiraadhuu keessaa ilma kootiif niitii hin fidneef Waaqayyo Waaqa samiitii fi Waaqa lafaatiin kakattu nan barbaada;
GEN 24:4 garuu gara biyya kootii fi gara firoota koo dhaqiitii ilma koo Yisihaaqiif niitii barbaadi.”
GEN 24:5 Tajaajilaan sun immoo, “Yoo dubartiin sun na wajjin gara biyya kanaa dhufuuf fedhii qabaachuu baatte hoo? Ani ilma kee gara biyya ati keessaa dhufte sanaatti deebisee geessuun qabaa?” jedhee isa gaafate.
GEN 24:6 Abrahaamis akkana isaan jedhe; “Ati akka ilma koo deebiftee biyya sanatti hin geessine of eeggadhu.
GEN 24:7 Waaqayyo Waaqni samii inni mana abbaa kootii fi biyya ani itti dhaladhe keessaa na fidee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna’ jechuudhaan natti dubbatee kakatee waadaa naa seene sun akka ati achii ilma kootiif niitii fidduuf ergamaa isaa fuula kee dura ni erga.
GEN 24:8 Yoo dubartiin sun si wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baatte immoo ati kakuu koo kana irraa bilisa taata. Ilma koo garuu gonkumaa achi hin deebisin.”
GEN 24:9 Kanaafuu tajaajilaan sun harka isaa gudeeda gooftaa isaa Abrahaam jala kaaʼee waaʼee waan kanaa kakateef.
GEN 24:10 Tajaajilaan sunis gaala gooftaa isaa keessaa kudhan fudhatee gooftaa isaa biraa immoo kennaawwan filatamoo gosa hundaa feʼatee qajeele; innis magaalaa Naahoor ishee kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam keessatti argamtuu dhaqe.
GEN 24:11 Innis akka gaalawwan sun magaalattiin alatti boolla bishaanii cina jijilbeenfatan godhe; yeroon sun gara galgalaa yeroo itti dubartoonni bishaan waraabbachuu baʼan ture.
GEN 24:12 Innis akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam, harʼa na milkeessiitii gooftaa koo Abrahaamiif garaa laafi.
GEN 24:13 Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheen jira; intallan warra magaalaa kanaas bishaan waraabbachuuf as baʼaa jiru.
GEN 24:14 Intalli ani, ‘Maaloo akka ani bishaan dhuguuf okkotee kee gad qabi’ jedheenii isheenis, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees siifin obaasaa’ naan jettu ishee ati garbicha kee Yisihaaqiif filatte haa taatu. Anis kanaan akka ati gooftaa kootiif garaa laafte beeka.”
GEN 24:15 Utuu inni kadhatee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee dhufte. Isheenis intala ilma Miilkaa kan Betuuʼeel jedhamu sanaa turte; Miilkaan immoo niitii obboleessa Abrahaam kan Naahoor jedhamu sanaa ti.
GEN 24:16 Intalli sunis akka malee bareedduu fi durba turte; dhiirri tokko iyyuu ishee wajjin hin ciifne. Isheenis gara burqaatti gad buutee okkotee isheetti bishaan guuttattee ol deebite.
GEN 24:17 Tajaajilaan sunis ishee simachuuf itti fiigee, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee naa kenni” jedheen.
GEN 24:18 Isheenis, “Yaa gooftaa ko, dhugi” jetteenii daftee okkotee ishee harkatti gad buufattee bishaan dhugaatii kenniteef.
GEN 24:19 Isheenis erga bishaan isa obaaftee booddee, “Ani gaalawwan keetiifis hamma isaan dhuganii dheebuu baʼanitti nan waraaba” jette.
GEN 24:20 Daftees okkotee ishee keessaa bidiruutti garagalchitee ammas bishaan waraabuudhaaf gara boolla bishaaniitti fiigde; gaalawwan isaa hundaafis bishaan waraabde.
GEN 24:21 Namichi sunis akka Waaqayyo karaa isaaf milkeesse yookaan akka isaaf hin milkeessin baruuf jedhee calʼisee xiyyeeffatee ishee ilaalaa ture.
GEN 24:22 Erga gaalawwan bishaan dhuganii booddee namichi amartii funyaanii kan warqee kan walakkaa saqilii ulfaatuu fi bitawoo warqee kan saqilii kudhan ulfaatu lama gad baasee,
GEN 24:23 “Ati intala eenyuu ti? Yoo mana abbaa keetii iddoon bulan jiraatte maaloo mee natti himi” jedhee gaafate.
GEN 24:24 Isheenis, “Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha” isaan jette.
GEN 24:25 Itti dabaltees, “Cidii fi okaa baayʼee qabna; kutaan isin bultanis jira” jetteen.
GEN 24:26 Namichis gad jedhee Waaqayyoof sagade;
GEN 24:27 akkanas jedhe; “Waaqayyo Waaqni gooftaa koo Abrahaam kan arjummaa isaatii fi amanamummaa isaa gooftaa koo hin dhowwatin sun haa eebbifamu. Waaqayyo anas gara mana obboloota gooftaa kootti karaa irra na qajeelcheera.”
GEN 24:28 Intalattiinis fiigdee dhaqxee warra mana haadha ishee jiranitti waaʼee waan kanaa himte.
GEN 24:29 Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu tokko qabdi turte; Laabaanis fiigee namicha burqaa bishaanii bira jiru sana bira dhaqe.
GEN 24:30 Innis yommuu obboleettii isaa irratti amartii funyaanii warqeetii fi bitawoo argetti, yommuu utuu Ribqaan waan namichi sun isheedhaan jedhe dubbattuu dhagaʼetti, gara namichaatti gad baʼe; namichis burqaa bishaanii cina gaalawwan bira dhaabatee ture.
GEN 24:31 Namicha sanaanis, “Yaa namicha Waaqayyo eebbise, kottu; ati maaliif ala dhaabatta? Ani manicha qopheesseera; gaalawwaniifis iddoo qopheesseera” jedhe.
GEN 24:32 Kanaafuu namichi sun gara manaa dhaqe; Laabaanis gaalawwan irraa feʼiisa buusee cidii fi okaa kenneef; akka miilla isaanii dhiqataniif immoo namichaa fi warra isa wajjin turaniif bishaan kenne.
GEN 24:33 Ergasiis nyaanni dhiʼaateef; namichi sun garuu, “Ani hamman dhimma koo himadhutti hin nyaadhu” jedhe. Laabaanis, “Himadhukaa” jedheen.
GEN 24:34 Innis akkana jedhe; “Ani tajaajilaa Abrahaamii ti.
GEN 24:35 Waaqayyo, gooftaa koo guddaa eebbiseera; innis sooromeera. Hoolotaa fi loowwan, meetii fi warqee, garboota dhiiraatii fi dubartii, gaalawwanii fi harroota isaaf kenneera.
GEN 24:36 Niitiin gooftaa kootii Saaraan bara dulluma ishee keessa ilma isaaf deesse; innis waan qabu hunda ilma isaatiif kenneera.
GEN 24:37 Gooftaan koo akkana jedhee na kakachiise; ‘Ati intallan Kanaʼaan kanneen ani biyya isaanii keessa jiraadhu keessaa ilma koof niitii hin fidin;
GEN 24:38 garuu gara mana abbaa kootii fi gara gosa koo dhaqiitii ilma kootiif niitii fidi.’
GEN 24:39 “Anis, ‘Yoo dubartiin sun na wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baattee hoo?’ jedhee gooftaa koo nan gaafadhe.
GEN 24:40 “Innis akkana naan jedhe; ‘Waaqayyo inni ani fuula isaa dura jiraadhu ergamaa isaa si wajjin ergee karaa kee siif milkeessa; atis gosa koo fi mana abbaa koo keessaa ilma kootiif niitii ni fidda.
GEN 24:41 Ati yommuu gara gosa koo dhaqxu kakuu koo irraa bilisa taata; yoo isaan intala sana sitti kennuu didani iyyuu ati kakuu koo irraa bilisa taata.’
GEN 24:42 “Ani harʼa yommuun gara burqaa kanaa dhufetti akkanan jedhe; ‘Yaa Waaqayyo, Waaqa gooftaa koo Abrahaam yoo fedhii kee taʼe karaa ani deemu naa milkeessi.
GEN 24:43 Kunoo, ani burqaa kana bira dhaabadheera; yoo durbi tokko bishaan waraabbachuu dhuftee ani immoo, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee na obaasi” jedheenii,
GEN 24:44 isheenis, “Dhugi; ani gaalawwan keetiifis nan waraaba” naan jette, isheen kan Waaqayyo ilma gooftaa kootiif file haa taatu.’
GEN 24:45 “Utuu ani garaa koo keessatti kadhadhee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee gad dhufte. Isheenis gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabbatte; anis, ‘Maaloo bishaan na obaasi’ nan jedheen.
GEN 24:46 “Isheenis daftee okkotee ishee gatiittii irraa gad buufattee, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees nan obaasaa’ jette. Anis nan dhuge; isheen immoo gaalawwan obaafte.
GEN 24:47 “Anis, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishee gaafadhe. “Ishee immoo, ‘Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha’ jette. “Anis funyaan isheetti amartii, harka isheetti immoo bitawoo nan kaaʼe.
GEN 24:48 Anis gad jedhee Waaqayyoof nan sagade; Waaqayyo Waaqa gooftaa koo Abrahaam isa akka ani intala fira isaa ilma isaatiif geessu karaa qajeelaa irra na buuse sana nan eebbise.
GEN 24:49 Egaa isin yoo gooftaa kootti garaa laafummaa fi amanamummaa argisiiftan natti himaa; yoo taʼuu baate immoo akka ani gara bitaatti yookaan gara mirgaatti goru natti himaa.”
GEN 24:50 Laabaa fi Betuuʼeelis akkana jedhanii deebisan; “Wanni kun Waaqayyo biraa dhufe; nu waan hamaa yookaan waan tolaa sitti dubbachuu hin dandeenyu.
GEN 24:51 Kunoo, Ribqaan fuula kee dura jirti; ishee fudhadhuu deemi; isheenis akkuma Waaqayyo dubbatetti niitii ilma gooftaa keetii haa taatu.”
GEN 24:52 Tajaajilaan Abrahaamis yommuu waan isaan jedhan dhagaʼetti lafatti gombifamee Waaqayyoof sagade.
GEN 24:53 Kana booddees tajaajilaan sun faaya meetii fi warqee, uffata adda addaas baasee Ribqaadhaaf kenne; obboleessa isheetii fi haadha isheetiifis kennaa gatii guddaa baasu kenne.
GEN 24:54 Innii fi namoonni isa wajjin turanis nyaatanii dhuganii achuma bulan. Yommuu isaan guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti tajaajilaan sun, “Akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” jedhe.
GEN 24:55 Obboleessi isheetii fi haati ishee garuu, “Intalattiin guyyuma kudhan illee nu bira haa turtu; ergasiis isheen deemuu dandeessi” jedhan.
GEN 24:56 Inni garuu, “Erga Waaqayyo karaa koo naa milkeessee isin na hin tursinaa; akka ani gara gooftaa kootti deebiʼuuf na geggeessaa” isaaniin jedhe.
GEN 24:57 Isaanis, “Mee intalattii waamnee waan isheen jettu gaafanna” jedhan.
GEN 24:58 Kana irratti isaan Ribqaa waamanii, “Namicha kana wajjin deemuu feetaa?” jedhanii ishee gaafatan. Isheenis, “Ani nan deema” jette.
GEN 24:59 Kanaafuu isaan obboleettii isaanii Ribqaa fi guddiftuu ishee, tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin geggeessan.
GEN 24:60 Isaanis akkana jedhanii Ribqaa eebbisan; “Yaa obboleettii keenya, kumaa kumaatama taʼi; sanyiin kee karra diinota isaa haa dhaalu.”
GEN 24:61 Ribqaa fi tajaajiltuuwwan ishee qophaaʼanii gaalawwan isaanii yaabbatanii namicha faana buʼan; namichis Ribqaa fudhatee deeme.
GEN 24:62 Yeroo sana Yisihaaq boolla bishaanii Beʼeer Lahaayirooʼiitii dhufee Negeeb keessa jiraachaa ture.
GEN 24:63 Innis gaaf tokko gara galgalaa utuu bakkeetti baʼee waa yaadaa jiruu oli ilaalee kunoo gaalawwan dhufaa jiran arge.
GEN 24:64 Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaaqin argite; gaala irraas buutee
GEN 24:65 tajaajilaa sanaan, “Namichi nu simachuuf bakkee keessa as deemaa jiru sun eenyu?” jettee gaafatte. Tajaajilaan sunis, “Inni gooftaa koo ti” jedhee deebiseef. Kanaafuu haguuggii ishee fudhattee ofitti haguugde.
GEN 24:66 Tajaajilaan sunis waan hojjete hunda Yisihaaqitti hime.
GEN 24:67 Yisihaaqis dunkaana haadha isaa Saaraatti ol ishee galfate; Ribqaa fuudhes. Akkasiin isheen niitii isaa taate; innis ishee jaallate; Yisihaaqis duʼa haadha isaa irraa ni jajjabaate.
GEN 25:1 Abrahaamis niitii biraa kan maqaan ishee Qexuuraa jedhamu fuudhe.
GEN 25:2 Isheenis Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa isaaf deesse.
GEN 25:3 Yoqshaan Shebaa fi Dedaan dhalche; ilmaan Dedaan immoo Ashuurim, Letuushimotaa fi Leʼumoota turan.
GEN 25:4 Ilmaan Midiyaan Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa turan. Warri kunneen hundi sanyiiwwan Qexuuraa ti.
GEN 25:5 Abrahaam waan qabu hundumaa Yisihaaqiif kenne.
GEN 25:6 Ilmaan saajjatoowwan isaatiif garuu utuma lubbuun jiruu kennaa kenneefii ilma isaa Yisihaaq biraa gara biyya baʼa biiftuutti isaan erge.
GEN 25:7 Abrahaam waggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate.
GEN 25:8 Innis umurii dheeraa fi jireenya gaarii jiraatee dulloomee hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame.
GEN 25:9 Ilmaan isaa Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel lafa qotiisaa Efroon ilma Zoohar namicha gosa Heeti sanaa keessatti holqa Makfelaa kan Mamree biratti argamutti isa awwaalan.
GEN 25:10 Lafti qotiisaa sunis kan Abrahaam Heetota irraa bitatee dha; Abrahaamis achitti niitii isaa Saaraa biratti awwaalame.
GEN 25:11 Erga Abrahaam duʼee booddee Waaqni ilma isaa Yisihaaqin eebbise; Yisihaaqis Beʼeer Lahaayirooʼii bira jiraate.
GEN 25:12 Seenaan maatii Ishmaaʼeel ilma Abrahaam kan Aggaar garbittiin Saaraa intalli biyya Gibxi sun Abrahaamiif deesse sanaa kana.
GEN 25:13 Maqaan ilmaan Ishmaaʼeel kan akkuma dhaloota isaaniitti tartiibaan barreeffame kana: Nabaayooti ilma Ishmaaʼeel hangafticha, Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami,
GEN 25:14 Mishmaa, Duumaa, Maasaa,
GEN 25:15 Hadaad, Teemaa, Yexuur, Naafiishii fi Qeedmaa.
GEN 25:16 Jarri kunneen ilmaan Ishmaaʼeel; maqaawwan kunneenis akkuma gandootaa fi iddoo qubata isaaniitti maqaawwan bulchitoota gosoota kudha lamaanii ti.
GEN 25:17 Ishmaaʼeel waggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba jiraate; innis hafuura dhumaa baafatee duʼe; saba isaattis dabalame.
GEN 25:18 Sanyiin isaa immoo daangaa Gibxi bira, karaa Asooritti geessu irra, lafa Hawiilaa jalqabee hamma Shuuriitti jiru irra jiraatan. Isaanis obboloota isaanii hundatti diina taʼanii jiraatan.
GEN 25:19 Seenaan maatii Yisihaaq ilma Abrahaam kana. Abrahaam Yisihaaqin dhalche;
GEN 25:20 Yisihaaq yeroo Ribqaa fuudhetti nama waggaa afurtamaa ture; Ribqaan kunis intala Betuuʼeel namicha Arraam kan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii fi obboleettii Laabaa namicha Arraam sanaa ti.
GEN 25:21 Yisihaaq sababii niitiin isaa dhabduu turteef Waaqayyo isheef kadhate. Waaqayyos kadhannaa isaatiif deebii kennee niitiin isaa Ribqaani ulfoofte.
GEN 25:22 Daaʼimmanis garaa ishee keessatti wal dhiibaa turan; isheenis, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” jette; kanaafuu Waaqayyo gaafachuu dhaqxe.
GEN 25:23 Waaqayyo immoo akkana jedheen; “Saboota lamatu gadameessa kee keessa jira; uummanni lamaan ati deessus gargari baʼu; sabni tokko saba kaan irra ni jabaata; inni hangafni isa quxisuu tajaajila.”
GEN 25:24 Yeroo daʼumsi ishee gaʼetti ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture.
GEN 25:25 Mucaan jalqabatti dhalate diimaa dha; dhagni isaa guutuun uffata rifeensa qabu fakkaata ture; kanaafuu Esaawu jedhanii isa moggaasan.
GEN 25:26 Kana booddee obboleessi isaa koomee Esaawu harkaan qabatee gad baʼe; maqaan isaas Yaaqoob jedhame. Yeroo Ribqaan isaan deessetti, Yisihaaq nama waggaa jaatamaa ture.
GEN 25:27 Ijoolleen kunis ni guddattan; Esaawu adamsaa beekamaa fi nama bakkee ooluu taʼe; Yaaqoob garuu nama calʼisaa dunkaana keessa oolu taʼe.
GEN 25:28 Yisihaaq waan foon bineensa bosonaa miʼeeffateef Esaawun jaallate; Ribqaan garuu Yaaqoobin jaallatte.
GEN 25:29 Gaaf tokko utuu Yaaqoob ittoo qopheessaa jiruu Esaawu akka malee beelaʼee bakkeedhaa dhufe.
GEN 25:30 Innis Yaaqoobiin, “Ani akka malee beelaʼeeraatii, mee ittoo diimaa sana irraa xinnoo naa kenni!” jedhe. Sababiin inni Edoom jedhameefis kanuma.
GEN 25:31 Yaaqoob immoo deebisee, “Dura mirga hangafummaa keetii natti gurguri kaa” jedhe.
GEN 25:32 Esaawus, “Kunoo, ani duʼuu gaʼeera; yoos mirgi hangafummaa maal na fayyada ree?” jedhe.
GEN 25:33 Yaaqoob garuu, “Duraan dursii naa kakadhu” jedheen; akkasiin inni kakatee mirga hangafummaa isaa Yaaqoobitti gurgurate.
GEN 25:34 Ergasiis Yaaqoob buddeenaa fi ittoo misiraa Esaawuuf kenne; innis nyaatee dhugee kaʼee achii deeme. Esaawus akkasiin mirga hangafummaa isaa tuffate.
GEN 26:1 Beela isa bara Abrahaam biyyichatti buʼe sana malee beelli biraa tokko ammas biyya sanatti buʼe; Yisihaaqis gara Geraaraa gara Abiimelek mooticha Filisxeem dhaqe.
GEN 26:2 Waaqayyos Yisihaaqitti mulʼatee akkana jedhe; “Biyya ani akka ati keessa jiraattuuf sitti himu keessa jiraadhu malee Gibxitti gad hin buʼin.
GEN 26:3 Biyyuma kana jiraadhu; ani si wajjin nan taʼa; sin eebbisas; biyya kana hunda sii fi sanyii keetiif nan kennaatii. Ani kakuun abbaa kee Abrahaamiif kakadhe sana nan guuta.
GEN 26:4 Ani akkuma urjiiwwan samii sanyii kee nan baayʼisa; biyya kana hundas isaaniif nan kenna; saboonni lafa irra jiran hundinuus karaa sanyii keetiitiin eebbifamu.
GEN 26:5 Kunis waan Abrahaam dubbii koo dhagaʼee fedhii koo, ajaja koo, labsii kootii fi seera koo eegeef.”
GEN 26:6 Yisihaaqis Geraaraa keessa jiraate.
GEN 26:7 Innis yommuu namoonni biyya sanaa waaʼee niitii isaa isa gaafatanitti waan Ribqaan bareedduu taateef, “Namoonni naannoo kanaa sababii isheetiif na ajjeesu taʼa” jedhee yaaduudhaan, “Isheen niitii koo ti” jechuu sodaatee, “Isheen obboleettii koo ti” jedhe.
GEN 26:8 Erga Yisihaaq yeroo dheeraa achi jiraatee booddee, Abiimelek mootichi Filisxeemii foddaa keessaan gad ilaale; utuu Yisihaaq niitii isaa Ribqaa hooqsuu arge.
GEN 26:9 Abiimelekis Yisihaaqin ofitti waamee, “Isheen dhugumaan niitii kee ti! Yoos ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jette ree?” jedheen. Yisihaaqis, “Waan ani sababii isheetiif lubbuu koo nan dhaba taʼa jedhee yaadeef” jedhee deebiseef.
GEN 26:10 Abiimelek immoo, “Wanni ati nutti hojjette kun maali? Utuu namoota kanneen keessaa tokko niitii kee wajjin ciisee jiraatee silaa ati yakka nutti fiddee turte” jedheen.
GEN 26:11 Kana irratti Abiimelek, “Namni namicha kana yookaan niitii isaa tuqu kam iyyuu dhugumaan ajjeefamuu qaba” jedhee nama hundaaf ajaja kenne.
GEN 26:12 Yisihaaqis biyya sanatti midhaan facaafatee waan Waaqayyo isa eebbiseef baruma sana keessa dachaa dhibba galfate.
GEN 26:13 Innis ni hore; hamma akka malee sooromuttis qabeenyi isaa ittuma fufee baayʼate.
GEN 26:14 Innis bushaayee, loowwanii fi hojjettoota hedduu qaba ture; Filisxeemonnis isatti hinaafan.
GEN 26:15 Kanaafuu Filisxeemonni boolla bishaanii hojjettoonni abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotan hundatti biyyoo naqanii duuchan.
GEN 26:16 Abiimelekis Yisihaaqiin, “Ati baayʼee nu caalaa jabaatteertaatii nurraa deemi” jedhe.
GEN 26:17 Yisihaaq achii kaʼee sulula Geraaraa keessa qubatee achi jiraate.
GEN 26:18 Yisihaaqis boollawwan bishaanii bara abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotaman kanneen Filisxeemonni erga Abrahaam duʼee booddee duuchan sana deebisee bane; innis maquma abbaan isaa kenneefii ture sanaan isaan waame.
GEN 26:19 Tajaajiltoonni Yisihaaq sulula sana keessatti lafa qotanii boolla bishaan burquu argatan.
GEN 26:20 Tiksoonni Geraaraa, “Bishaan kun kan keenya!” jedhanii tiksoota Yisihaaq wajjin wal lolan. Kanaafuu inni sababii wal falmaniif boolla bishaanii sana, “Eeseeq” jedhee moggaase.
GEN 26:21 Ergasiis boolla bishaanii biraa qotan; isaan garuu boolla bishaanii sana irrattis wal lolan; kana irratti Yisihaaq boolla bishaanii sana “Sixinaa” jedhee moggaase.
GEN 26:22 Innis achii kaʼee iddoo biraa dhaqee boolla bishaanii biraa achitti qote; namni tokko iyyuu isa irratti wal hin lolle. Innis, “Waaqayyo amma iddoo balʼaa nuu kenneera; nu biyyattii keessatti ni baayʼanna” jechuudhaan Rehooboot jedheen.
GEN 26:23 Innis achii kaʼee gara Bersheebaatti ol baʼe.
GEN 26:24 Waaqayyos halkanuma sana isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa abbaa kee Abrahaam; ani waan si wajjin jiruuf hin sodaatin. Garbicha koo Abrahaamiif jedhees ani sin eebbisa; sanyii kees nan baayʼisa.”
GEN 26:25 Yisihaaq achitti iddoo aarsaa ijaaree maqaa Waaqayyoo waammate. Dunkaana isaas achi dhaabbate; tajaajiltoonni isaas iddoo sanatti boolla bishaanii qotatan.
GEN 26:26 Ergasiis Abiimelek gorsaa isaa Ahuzaatii fi ajajaa loltoota isaa Fiikool wajjin Geraaraadhaa kaʼee gara Yisihaaq dhufe.
GEN 26:27 Yisihaaq immoo, “Isin erga na jibbitanii of biraa na ariitanii maaliif gara koo dhuftan?” isaaniin jedhe.
GEN 26:28 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu akka Waaqayyo si wajjin jiru ifaan ifatti argineerra; kanaafuu nu, ‘Kakuun walii galtee gidduu keenya jechuunis nuu fi si gidduu jiraachuu qaba’ jenne; mee kottu si wajjin walii galtee godhannaa.
GEN 26:29 Kunis akkuma nu utuu waan gaarii malee waan hamaa sirraan hin gaʼin nagaan of irraa si geggeessine sana akka atis nu hin miineef. Ati amma illee nama Waaqayyo eebbisee dha.”
GEN 26:30 Yisihaaqis nyaata isaaniif qopheesse; isaanis ni nyaatan; ni dhuganis.
GEN 26:31 Namoonni sun guyyaa itti aanu ganama barraaqa kaʼanii walii kakatan. Yisihaaqis isaan geggeesse; jarris nagumaan isa biraa deeman.
GEN 26:32 Guyyuma sana hojjettoonni Yisihaaq dhufanii waaʼee boolla bishaanii qotan sanaa isaatti himan. Isaanis, “Nu bishaan arganneerra!” jedhan.
GEN 26:33 Innis boolla bishaanii sana, “Shibeʼaa” jedhee moggaase. Hamma harʼaatti maqaan magaalaa sanaa Bersheebaa jedhama.
GEN 26:34 Esaawu yeroo umuriin isaa waggaa afurtama guuteetti Yoodiiti intala Biʼeer namicha gosa Heeti akkasumas Baasmati intala Eeloon namicha gosa Heeti fuudhe.
GEN 26:35 Isaanis Yisihaaqii fi Ribqaa gaddisiisan.
GEN 27:1 Yisihaaq dulloomee yeroo iji isaa arguu dadhabetti ilma isaa hangafa Esaawun ofitti waamee, “Yaa ilma koo” jedheen. Innis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
GEN 27:2 Yisihaaq akkana jedhe; “Kunoo, ani dulloomeera; guyyaa duʼa koo hin beeku.
GEN 27:3 Kanaafuu maaloo miʼa adamoo keetii jechuunis korojoo xiyya keetii fi iddaa kee qabadhuutii gara dirreetti baʼiitii bineensa naa adamsi.
GEN 27:4 Akka ani utuun hin duʼiniin dura si eebbisuuf, nyaata miʼaawaa gosa ani jaalladhu naa qopheessiitii akka ani nyaadhuuf naa dhiʼeessi.”
GEN 27:5 Yommuu Yisihaaq ilma isaa Esaawutti dubbatetti Ribqaan ni dhaggeeffatti turte. Yeroo Esaawu bineensa adamsee fiduuf gara dirreetti gad baʼetti,
GEN 27:6 Ribqaan ilma ishee Yaaqoobiin akkana jette; “Kunoo, ani utuu abbaan kee obboleessa kee Esaawutti dubbatuu dhagaʼeera;
GEN 27:7 innis, ‘Akka ani utuun hin duʼin fuula Waaqayyoo duratti si eebbisuuf bineensa adamsii fidiitii akka ani nyaadhuuf nyaata miʼaawu naa qopheessi’ jedheen.
GEN 27:8 Egaa yaa ilma ko, akkuma ani si ajajutti dubbii koo dhagaʼi.
GEN 27:9 Ani akkan abbaa keetiif akkuma inni jaallatutti nyaata miʼaawaa qopheessuuf gara bushaayee dhaqiitii ilmoolee reʼee filatamoo lama naa fidi.
GEN 27:10 Akka inni nyaatee utuu hin duʼin si eebbisuuf abbaa keetiif nyaata dhiʼeessi.”
GEN 27:11 Yaaqoobis haadha isaa Ribqaadhaan akkana jedhe; “Kunoo, obboleessi koo Esaawu dabbasaaʼaa dha; ani garuu rifeensa hin qabu.
GEN 27:12 Yoo abbaan koo na qaqqabatee waan ani isa gowwoomse seʼe, ani qooda eebbaa abaarsa ofitti nan fida.”
GEN 27:13 Haati isaa immoo, “Yaa ilma ko, abaarsi sun naaf haa taʼu; ati waanuma ani siin jedhe godhi; dhaqiitii reʼoota sana naa fidi” jetteen.
GEN 27:14 Innis dhaqee ilmoolee reʼootaa sana qabee haadha isaatiif fide; isheen immoo akkuma abbaan isaa jaallatutti nyaata miʼaawu qopheessiteef.
GEN 27:15 Ergasiis Ribqaan uffata Esaaw ilma ishee hangaftichaa kan ishee bira ture keessaa kan hunda irra bareedu fuutee Yaaqoob ilma ishee isa quxisuu sanatti uffifte.
GEN 27:16 Harka isaatii fi morma isaa iddoo rifeensa hin qabnetti gogaa reʼootaa uffifte.
GEN 27:17 Ergasiis nyaata miʼaawaa fi buddeena qopheessitee turte sana ilma ishee Yaaqoobitti kennite.
GEN 27:18 Innis gara abbaa isaa dhaqee, “Yaa abbaa koo” jedhe. Innis, “Yaa ilma ko, kunoo asan jira; ati eenyu?” jedhee deebise.
GEN 27:19 Yaaqoobis abbaa isaatiin akkana jedhe; “Ani Esaawu ilma kee isa hangafticha; akkuma ati natti himte sana godheera; akka na eebbiftuuf mee ol jedhiitii waan ani adamsee fide nyaadhu.”
GEN 27:20 Yisihaaq ilma isaatiin, “Yaa ilma ko, akkamitti akkana daftee argatte?” jedhe. Yaaqoob immoo, “Waaqayyo Waaqa keetu na milkoomse” jedhee deebise.
GEN 27:21 Yisihaaqis Yaaqoobiin, “Akka ani si qaqqabadhee ilma koo Esaaw taʼuu fi taʼuu baachuu kee beekuuf mee as dhiʼaadhu” jedhe.
GEN 27:22 Yaaqoobis abbaa isaa Yisihaaqitti dhiʼaate; abbaan isaas isa qaqqabatee, “Sagaleen kun sagalee Yaaqoob; harki kun garuu harka Esaawu” jedhe.
GEN 27:23 Waan harki isaa akkuma harka Esaawu rifeensa qabuuf Yisihaaq gargar baasee isa beekuu hin dandeenye; kanaafuu isa eebbise.
GEN 27:24 Innis, “Ati dhugumaan ilma koo Esaawuu?” jedhee gaafate. Inni immoo, “Eeyyee ani isuma” jedhee deebise.
GEN 27:25 Yisihaaqis, “Yaa ilma ko, akka ani nyaadhee si eebbisuuf mee waan adamsitee fidde sana naa kenni” jedhe. Yaaqoob ni dhiʼeesseef; innis ni nyaate; daadhii wayiniis ni fideef; innis ni dhuge.
GEN 27:26 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Yaa ilma koo as kottuu na dhungadhu” jedheen.
GEN 27:27 Innis itti dhiʼaatee isa dhungate. Yisihaaqis foolii wayyaa isaa suufee isa eebbise; akkanas jedhe; “Ilaa, fooliin ilma koo, akkuma foolii lafa qotiisaa Waaqayyo eebbisee ti.
GEN 27:28 Waaqni fixeensa samii, lafa gabbataa, midhaanii fi wayinii akka malee baayʼatu siif haa kennu.
GEN 27:29 Saboonni si haa tajaajilan; uummannis siif haa sagadan. Obboloota kee irratti gooftaa taʼi; ilmaan haadha keetiis siif haa sagadan. Warri si abaaran haa abaaraman; warri si eebbisan immoo haa eebbifaman.”
GEN 27:30 Akkuma Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee fixee Yaaqoob immoo fuula abbaa isaa fuula Yisihaaq duraa gad baʼeen, obboleessi isaa Esaawu adamoodhaa dhufee ol gale.
GEN 27:31 Innis nyaata miʼaawaa qopheessee abbaa isaatiif fide; abbaa isaatiinis, “Yaa abbaa ko, ati akka na eebbiftuuf ol jedhiitii waan ani ilmi kee adamsee fide nyaadhu” jedhe.
GEN 27:32 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani ilma kee Esaawu hangafticha” jedhe.
GEN 27:33 Yommus Yisihaaq akka malee hollachaa, “Yoos namni waa adamsee naa fide eenyu ree? Ani utuu ati hin dhufin hunduma isaa nyaadheen isa eebbise; inni dhugumaan ni eebbifama!” jedhe.
GEN 27:34 Esaawu yommuu waan abbaan isaa dubbate dhagaʼetti, abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhee sagalee ol fudhatee hiqqifatee booʼe.
GEN 27:35 Yisihaaq garuu, “Obboleessi kee haxxummaadhaan dhufee eebba kee fudhateera” jedhe.
GEN 27:36 Esaawus, “Maqaan isaa iyyuu dhugumaan Yaaqoob jedhama mitii? Inni kana wajjin yeroo lama na gowwoomsuu isaa ti; jalqabatti hangafummaa koo narraa fudhate; amma immoo eebba koo fudhateera” jedhe. Ergasiis inni, “Ati eebba tokko illee naa hin hambifnee ree?” jedhee gaafate.
GEN 27:37 Yisihaaq immoo akkana jedhee Esaawuuf deebise; “Kunoo ani akka inni sirratti gooftaa taʼuu fi akka firoonni isaa hundi tajaajiltoota isaa taʼan godheera; akka inni midhaanii fi daadhii wayinii qabaatuufis isa eebbiseera. Egaa yaa ilma koo ani maal siif gochuun dandaʼa?”
GEN 27:38 Esaawus abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, ati eebbuma tokko qofa qabdaa? Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhe. Esaawus sagalee ol fudhatee booʼe.
GEN 27:39 Abbaan isaa Yisihaaqis akkana jedhee deebiseef; “Iddoon jireenya keetii lafa gabbataa irraa ni fagaata; fixeensa samii gubbaa irraas ni fagaata.
GEN 27:40 Ati goraadeedhaan jiraatta; obboleessa kees ni tajaajilta. Yeroo isaan mormitutti garuu waanjoo isaa cabsitee morma kee irraa buufta.”
GEN 27:41 Esaawu sababii abbaan isaa Yaaqoobin eebbiseef Yaaqoobitti haaloo qabate. Innis garaa isaatti, “Yeroon itti abbaa kootiif booʼan dhiʼaateera; anis yeroo sana obboleessa koo Yaaqoobin nan ajjeesa” jedhee yaade.
GEN 27:42 Yommuu wanni Esaawu ilmi ishee hangaftichi jedhe isheetti himametti Ribqaan Yaaqoob ilma ishee quxisuu waamsiftee akkana jetteen; “Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesee garaa isaa qabbaneeffachuu barbaada.
GEN 27:43 Kanaafuu yaa ilma koo na dhagaʼi; kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaa kan Kaaraan keessa jiraatu sanaatti baqadhu.
GEN 27:44 Hamma aariin obboleessa keetii qabbanaaʼutti yeroo gabaabaaf isa bira turi.
GEN 27:45 Yommuu aariin obboleessa keetii qabbanaaʼee innis waan ati isa goote sana irraanfatutti ani dhaamsa sitti ergee achii sin fichisiisa. Ani maaliifan guyyaa tokkotti isin lachuu dhaba?”
GEN 27:46 Ribqaanis Yisihaaqiin akkana jette; “Ani sababii dubartoota Heetotaa kanneeniif jiraachuu jibbeera. Yoo Yaaqoob dubartoota biyya kanaa jechuunis dubartoota Heetotaa kanneen keessaa niitii fuudhe, jireenyi koo maal anaaf godha ree!”
GEN 28:1 Yisihaaqis Yaaqoobin waamee eebbisee akkana jedhee isa ajaje: “Intallan warra Kanaʼaan keessaa hin fuudhin.
GEN 28:2 Ammuma kaʼiitii gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam mana abbaa haadha keetii mana Betuuʼeel dhaqi. Achiis intallan obboleessa haadha keetii intallan Laabaa keessaa tokko fuudhi.
GEN 28:3 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun si haa eebbisu; sanyii siif haa kennu; akka ati saba balʼaa taatuufis si haa baayʼisu.
GEN 28:4 Ati biyya amma alagummaadhaan keessa jiraattu, biyya Waaqni dhaala godhee Abrahaamiif kenne sana akka dhaaltuuf inni eebba Abrahaamiif kenne sii fi sanyii keetiif haa kennu.”
GEN 28:5 Yisihaaqis akkasitti Yaaqoobin erge; Yaaqoobis gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam gara Laabaa ilma Betuuʼeel namicha Arraam sanaa dhaqe; Laabaan kun immoo obboleessa Ribqaa, haadha Yaaqoobii fi Esaawu.
GEN 28:6 Esaawu akka Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee akka inni achii niitii fuudhuuf gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti isa ergee fi akka isa eebbisettis “Intallan warra Kanaʼaan hin fuudhin” jedhee isa ajaje yommuu beeketti;
GEN 28:7 Yaaqoob abbaa fi haadha isaatiif ajajamee gara kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam dhaqe.
GEN 28:8 Esaawus intallan warra Kanaʼaan fuula abbaa isaa Yisihaaq duratti hammam jibbamoo akka taʼan hubate.
GEN 28:9 Kanaafuu Esaaw gara Ishmaaʼeel ilma Abrahaam dhaqee Maahalaati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti niitota dur qabu irratti dabalee fuudhe.
GEN 28:10 Yaaqoob Bersheebaa baʼee Kaaraan dhaqe.
GEN 28:11 Innis iddoo tokko gaʼee aduun dhiinaan achi bule; dhagoota achi turan keessaas tokko fudhatee mataa jala kaaʼatee rafuuf ciise.
GEN 28:12 Innis achitti abjuu abjoote; kunoo yaabbannoo lafa dhaabatee fiixeen isaa immoo samii gaʼu tokko arge; kunoo ergamoonni Waaqayyoo yaabbannoo sana irra ol baʼaa fi gad buʼaa turan.
GEN 28:13 Kunoo Waaqayyo yaabbannoo sana gara irraa dhaabatee akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq; ani lafa ati irra ciiftu kana siif fi sanyii keetiif nan kenna.
GEN 28:14 Sanyiin kee akkuma biyyoo lafaa ni baayʼata; atis gara dhiʼaatti, gara baʼaatti, gara kaabaattii fi kibbaatti ni babalʼatta. Uummanni lafa irraa hundinuu karaa keetii fi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama.
GEN 28:15 Kunoo ani si wajjinan jira; lafa ati dhaqxu hundattis sin eega; gara biyya kanaattis deebisee sin fida. Ani hamman waanan waadaa siif gale sana siif guututti si hin dhiisu.”
GEN 28:16 Yaaqoobis yommuu hirribaa kaʼetti, “Dhugumaan Waaqayyo iddoo kana jira; ani waan kana hin hubanne” jedhe.
GEN 28:17 Innis sodaatee, “Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti” jedhe.
GEN 28:18 Yaaqoobis guyyaa itti aanu ganama obboroo kaʼee dhagaa mataa jala kaaʼatee ture sana fuudhee akka utubaatti ol dhaabe; fiixee isaa irrattis zayitii dhangalaase.
GEN 28:19 Innis maqaa iddoo sanaa Beetʼeel jedhee moggaase; duraan garuu magaalaan sun Luuzi jedhama ture.
GEN 28:20 Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee wareege; “Yoo Waaqni na wajjin taʼe, yoo inni karaa ani deemu kana irratti na eege, yoo waan ani nyaadhuu fi waan ani uffadhu naa kenne,
GEN 28:21 yoo ani nagaan mana abbaa kootti deebiʼe, Waaqayyo Waaqa koo ni taʼa;
GEN 28:22 dhagaan ani utubaa godhee ol dhaabe kunis mana Waaqaa taʼa; waan ati naa kennitu keessaas kudhan keessaa tokko siifin kenna.”
GEN 29:1 Yaaqoobis karaa isaa itti fufee gara warra biyya baʼaa dhufe.
GEN 29:2 Innis ilaalee kunoo boolla bishaanii tokko dirree irratti arge; kunoo karri hoolotaa sadii sababii achii bishaan dhuganiif boolla bishaanii sana bira ciciisaa turan. Dhagaan afaan boolla bishaanii sanaa irra ture guddaa ture.
GEN 29:3 Yeroo karri hoolotaa hundi achitti walitti qabamanitti tiksoonni afaan boolla bishaanii irraa dhagaa gangalchanii hoolota bishaan obaasu turan. Ergasii immoo dhagaa sana iddoo isaatti deebisanii afaan boolla bishaanii irra kaaʼu turan.
GEN 29:4 Yaaqoobis tiksoota sanaan, “Yaa obboloota ko, isin warra eessaati?” jedhee gaafate. Isaanis, “Nu warra Kaaraaniiti” jedhanii deebisan.
GEN 29:5 Innis, “Laabaa ilma Naahoor beektuu?” jedheen. Jarris, “Eeyyee, beekna” jedhanii deebisan.
GEN 29:6 Yaaqoob immoo, “Inni fayyumaa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, fayyuma; kunoo intalli isaa Raahel iyyuu hoolota fiddee dhufaa jirti” jedhaniin.
GEN 29:7 Innis, “Kunoo, amma lafti guyyaa dha; yeroo itti hoolonni walitti qabaman miti. Hoolota bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa” jedheen.
GEN 29:8 Isaanis, “Nu hamma karri hoolotaa hundinuu walitti qabamanii dhagaan sun afaan boolla bishaanii irraa gangalfamutti hin dandeenyu; ergasii hoolota bishaan obaafna” jedhanii deebisan.
GEN 29:9 Utuma inni jara wajjin haasaʼaa jiruu, Raahel waan tiksee turteef hoolota abbaa ishee ooftee dhufte.
GEN 29:10 Yaaqoob yommuu Raahel, intala obboleessa haadha isaa intala Laabaatii fi hoolota Laabaa argetti dhaqee dhagaa afaan boolla bishaanii irraa gangalchee hoolota eessuma isaa bishaan obaase.
GEN 29:11 Yaaqoobis Raaheliin dhungate; sagalee ol fudhatees booʼe.
GEN 29:12 Inni fira abbaa ishee akka taʼee fi ilma Ribqaa akka taʼe Raahelitti hime; isheenis fiigaa dhaqxee abbaa isheetti himte.
GEN 29:13 Laabaan akkuma waaʼee ilma obboleettii isaa waaʼee Yaaqoob dhagaʼeen isa simachuuf ariifatee baʼe. Innis erga hammatee dhungatee booddee mana isaatti fudhatee gale; Yaaqoobis waan kana hunda Laabaatti hime.
GEN 29:14 Laabaan immoo, “Ati dhugumaan foon kootii fi dhiiga koo ti” jedheen. Yaaqoob erga jiʼa tokko guutuu Laabaa wajjin turee booddee,
GEN 29:15 Laabaan akkana isaan jedhe; “Ati sababii fira koo taateef tola naa hojjechuu qabdaa? Mindaan kee akka hammam taʼuu qabu natti himi.”
GEN 29:16 Laabaan intallan lama qaba ture; maqaan ishee hangafaa Liyaa ture; maqaan ishee quxisuu immoo Raahel jedhama ture.
GEN 29:17 Iji Liyaa dadhabaa ture; Raahel garuu bareedduu fi simboo qabeettii turte.
GEN 29:18 Yaaqoob Raahelin jaallatee, “Ani waaʼee intala kee ishee quxisuu, Raaheliif jedhee waggaa torba sin tajaajila” jedheen.
GEN 29:19 Laabaan immoo, “Nama biraaf ishee kennuu irra siif kennuu naa wayya; asuma na bira turi” jedhe.
GEN 29:20 Kanaafuu Yaaqoob Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan.
GEN 29:21 Yaaqoobis Laabaadhaan, “Waan yeroon koo xumurameef akka ani ishee bira gaʼuuf niitii koo naa kenni” jedhe.
GEN 29:22 Kanaafuu Laabaan namoota iddoo sana jiran hunda walitti qabee cidha qopheesse.
GEN 29:23 Garuu yeroo lafti galgalaaʼetti intala isaa Liyaa fidee Yaaqoobiif kenne; Yaaqoobis ishee bira gaʼe.
GEN 29:24 Laabaanis akka isheen hojjettuu ishee taatuuf garbittii isaa Zilfaa, intala isaa Liyaadhaaf kenne.
GEN 29:25 Yommuu lafti bariʼetti kunoo Liyaa taʼuun ishee beekame! Yaaqoobis Laabaadhaan, “Wanni ati na goote kun maali? Ani Raaheliif jedhee si hin tajaajillee? Yoos ati maaliif na gowwoomsite ree?” jedhe.
GEN 29:26 Laabaanis akkana jedhee deebise; “Biyya keenya keessatti intala hangafa dura intala quxisuu heerumsiisuun duudhaa keenya miti.
GEN 29:27 Torban misirrummaa intala kanaa raawwadhu; ergasii yoo ati waggaa biraa torba naaf hojjette quxisuu ishees siif kennina.”
GEN 29:28 Yaaqoobis akkasuma godhe. Torban sanas Liyaa wajjin dabarse; ergasiis Laabaan intala isaa Raahelin isatti heerumsiise.
GEN 29:29 Laabaan akka isheen hojjettuu ishee taatuuf xomboree isaa Bilihaa, intala isaa Raaheliif kenne.
GEN 29:30 Yaaqoobis Raahel bira gaʼe; innis Liyaa caalaatti Raahelin jaallate. Waggoota biraa torbas Laabaaf hojjete.
GEN 29:31 Waaqayyo yommuu akka Liyaan hin jaallatamin argetti gadameessa ishee baneef; Raahel garuu dhabduu turte.
GEN 29:32 Liyaan ulfooftee ilma deesse. Isheenis waan, “Waaqayyo dhiphina koo argeeraatii dhugumaan siʼachi dhirsi koo na jaallata” jetteef maqaa isaa Ruubeen jettee moggaafte.
GEN 29:33 Isheen ammas yommuu ulfooftee ilma deessetti, “Waaqayyo sababii akka ani hin jaallatamin dhagaʼeef ilma kanas naa kenne” jettee maqaa isaa Simiʼoon jettee moggaafte.
GEN 29:34 Ammas ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Sababii ani ilmaan sadii isaaf daʼeef amma dhirsi koo natti maxxana” jette; kanaafuu mucaan sun Lewwii jedhamee moggaafame.
GEN 29:35 Ammas isheen ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Amma Waaqayyo nan galateeffadha” jette. Kanaafuu maqaa isaa Yihuudaa jettee moggaafte. Ergasiis daʼuu ni dhiifte.
GEN 30:1 Raahel yommuu akka Yaaqoobiif ijoollee tokko iyyuu hin daʼin argitetti obboleettii isheetti hinaafte. Yaaqoobiinis, “Ijoollee naa kenni, yoo kanaa achii nan duʼa!” jette.
GEN 30:2 Yaaqoobis isheetti aaree, “Anatu iddoo Waaqa isa ijoollee si dhowwate sanaa jira moo?” jedheen.
GEN 30:3 Isheenis, “Xomboreen koo Bilihaan kunoo ti; akka isheen qooda koo ijoollee naaf deessee anis karaa isheetiin ijoollee argadhuuf dhaqii ishee bira gaʼi” jette.
GEN 30:4 Isheenis xomboree ishee Bilihaa akka niitii isaa taatuuf kenniteef. Yaaqoobis ishee bira gaʼe;
GEN 30:5 isheenis ulfooftee ilma isaaf deesse.
GEN 30:6 Kana irratti Raahel, “Waaqni naa murteesseera; kadhannaa koos dhagaʼee ilma naa kenneera” jette. Kanaafuu maqaa isaa Daan jettee moggaafte.
GEN 30:7 Xomboreen Raahel Bilihaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse.
GEN 30:8 Raahelis, “Ani obboleettii koo walʼaansoo guddaa qabee moʼadheera” jette. Maqaa isaa Niftaalem jettee moggaafte.
GEN 30:9 Liyaan akka ijoollee daʼuu dhiifte hubatte; xomboree ishee Zilfaa fuutee akka niitii isaa taatuuf Yaaqoobiif kennite.
GEN 30:10 Xomboreen Liyaa Zilfaanis Yaaqoobiif ilma deesse.
GEN 30:11 Liyaan immoo, “Maal milkiin akkanaa!” jettee maqaa isaa Gaad jettee moggaafte.
GEN 30:12 Xomboreen Liyaa Zilfaan Yaaqoobiif ilma lammaffaa deesse.
GEN 30:13 Ergasiis Liyaan, “Ani akkaman gammade! Dubartoonnis, ‘Eebbifamtuu’ naan jedhu” jette. Kanaafuu maqaa isaa Aasheer jettee moggaafte.
GEN 30:14 Yeroo haamaa qamadiitti Ruubeen gara bakkeetti baʼee ija hudhaa argatee haadha isaa Liyaadhaaf fide. Raahelis Liyaadhaan, “Maaloo ija hudhaa ilma keetii irraa waa naa kenni” jette.
GEN 30:15 Liyaan immoo, “Dhirsa koo narraa fudhachuun kee sitti xinnaatee? Hudhaa ilma koos ni fudhattaa?” jetteen. Raahelis, “Qooda hudhaa ilma keetii inni edana si wajjin haa bulu” jetteen.
GEN 30:16 Gaafa sana galgala yeroo Yaaqoob lafa qotiisaatii galetti Liyaan isa simachuuf gad baatee, “Waan ani hudhaa ilma kootiin si kireeffadheef ati harʼa na wajjin bulu qabda” jetteen. Yaaqoobis halkan sana ishee wajjin bule.
GEN 30:17 Waaqnis Liyaa dhagaʼe; isheenis ulfooftee Yaaqoobiif ilma shanaffaa deesse.
GEN 30:18 Liyaanis, “Waan ani xomboree koo dhirsa kootiif kenneef Waaqni gatii koo naa baaseera” jette. Kanaafuu Yisaakor jettee isa moggaafte.
GEN 30:19 Liyaan ammas ulfooftee Yaaqoobiif ilma jaʼaffaa deesse.
GEN 30:20 Liyaanis, “Waaqni kennaa gaarii naaf kenneera; sababii ani ilmaan jaʼa isaaf daʼeef dhirsi koo siʼachi ulfina naa kenna” jette. Kanaafuu maqaa isaa Zebuuloon jettee moggaafte.
GEN 30:21 Ergasiis intala tokko deessee Diinaa jettee moggaafte.
GEN 30:22 Waaqnis Raahelin yaadate; kadhannaa ishees dhagaʼee gadameessa ishee baneef.
GEN 30:23 Isheenis ulfooftee ilma deessee, “Waaqni qaanii koo narraa fuudheera” jette.
GEN 30:24 Isheenis maqaa isaa Yoosef jettee moggaaftee, “Waaqayyo ilma biraa naaf haa dabalu” jette.
GEN 30:25 Erga Raahel Yoosefin deessee booddee Yaaqoob Laabaadhaan akkana jedhe; “Akka ani biyya dhalootaa kootti deebiʼuuf, gad na dhiisi.
GEN 30:26 Ani nan deemaatii niitota koo fi ijoollee koo warra ani isaaniif jedhee siif tajaajile naa kenni. Akka ani hojii baayʼee siif hojjedhe ati iyyuu beekta.”
GEN 30:27 Laabaan garuu akkana jedheen; “Maaloo yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe asuma turi; ani akka Waaqayyo sababii keetiin na eebbise mulʼataan beekeeraatii.”
GEN 30:28 Itti fufees, “Mee mindaa ani siif kaffaluu qabu natti himi; ani siifin kaffalaatii” jedhe.
GEN 30:29 Yaaqoobis akkana jedheen; “Akka ani hammam siif hojjedhe, horiin kees hammam akka harka kootti baayʼate atuu ni beekta.
GEN 30:30 Wanni xinnaan ati utuu ani hin dhufin dura qabdu sun amma akka malee siif baayʼateera; lafa ani ture kamitti iyyuu Waaqayyo si eebbiseera. Garuu yeroon ani itti maatii kootiif yaadu yoomi ree?”
GEN 30:31 Innis, “Wanni ani siif kennu maali ree?” jedhee gaafate. Yaaqoob immoo akkana jedhee deebise; “Homaa naaf hin kennin; garuu yoo ati waan kana naaf goote ani ittuma fufee bushaayee kee nan tiksa; nan eegas;
GEN 30:32 ani harʼa bushaayee kee hunda keessa baʼee hoolota cocorree fi buburree hunda, hoolaa magaalaa fi reʼoota cocorree yookaan buburree hunda addaan nan baasa; isaan kunneen mindaa koo taʼu.
GEN 30:33 Yeroo ati mindaa naa kennite sana toʼachuu dhuftutti, amanamummaan koo dhugaa naa baʼa. Hoolotaa fi reʼoota koo keessatti reʼeen cocorree yookaan buburree hin taʼin kam iyyuu, hoolaa keessaa immoo kan gurraacha hin taʼin kam iyyuu yoo argame akka waan hatameetti haa ilaalamu.”
GEN 30:34 Laabaanis, “Tole, akkuma ati jette haa taʼu” jedhe.
GEN 30:35 Guyyuma sana Laabaan korbeeyyii reʼee halluu qaxxaamuroo qabanii fi buburree hunda, goromii reʼee cocorree fi buburree kanneen adaadii qaban hunda, akkasumas hoolota gugurraacha hunda fuudhee ilmaan isaatti kenne.
GEN 30:36 Innis ofii isaatii fi Yaaqoob gidduutti lafa adeemsa guyyaa sadii hambise; Yaaqoob immoo bushaayee Laabaa kanneen hafan tiksuu itti fufe.
GEN 30:37 Yaaqoobis damee alaltuu, kan looziitii fi hadheessa jiidhaa isaa darbee darbee naannessee qoola isaa irraa quncisuudhaan dhagna mukichaa isa keessaa adii sana mulʼise.
GEN 30:38 Yaaqoobis yeroo bushaayeen sun bishaan dhuguuf dhufanitti damee qolli irraa quncifame sana fuula isaanii dura bidiruu bishaan itti obaasan keessa kaaʼe. Bushaayeen yeroo sun bishaan dhuguu dhufanitti gojomaʼanii
GEN 30:39 ulee sana duratti wal hobobsu turan; isaanis ilmoolee halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree dhalan.
GEN 30:40 Yaaqoobis ilmoolee bushaayee kophaatti baase; bushaayee Laabaa kanneen hafan garuu warra halluu qaxxaamuroo qabanii fi gurraacha dura dhaabe. Akkasitti hoolota isaa addaan baase malee bushaayee Laabaatti hin makne.
GEN 30:41 Yeroo dhaltuuwwan jajjaboon gojomaʼan kam iyyuu, Yaaqoob akka isaan ulee sana biratti wal hobobsaniif jedhee ulee sana fuula isaanii dura bidiruu keessa kaaʼaa ture;
GEN 30:42 dhaltuuwwan dadhaboo dura garuu ulee sana hin keenye. Kanaafuu warri dadhaboon kan Laabaa, warri jajjaboon immoo kan Yaaqoob taʼan.
GEN 30:43 Namichi kun haala kanaan akka malee soorome; innis bushaayee baayʼee, garboota dubartootaatii fi dhiirotaa, gaalawwanii fi harroota qaba ture.
GEN 31:1 Yaaqoobis akka ilmaan Laabaa, “Yaaqoob waan abbaan keenya qabu hunda fudhateera; qabeenya kana hundas waanuma kan abbaa keenyaa ture irraa argate” jedhan dhagaʼe.
GEN 31:2 Yaaqoobis fuula Laabaa ilaale; kunoo fuulli isaa akka duraatti isatti hin tolle.
GEN 31:3 Waaqayyos Yaaqoobiin, “Biyya abbaa keetii fi fira keetti deebiʼi; anis si wajjin nan taʼa” jedhe.
GEN 31:4 Kanaafuu Yaaqoob akka isaan bakkeetti lafa bushaayeen isaa jiranitti gad baʼaniif gara Raahelii fi Liyaatti ergaa erge.
GEN 31:5 Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani akka abbaan keessan akka kanaan duraa sana fuula natti hin tolle hubadheera; garuu Waaqni abbaa kootii na wajjin jira.
GEN 31:6 Akka ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif hojjedhe isinuu beektu;
GEN 31:7 taʼus abbaan keessan mindaa koo yeroo kudhan geeddaruudhaan na gowwoomse. Waaqni garuu akka inni na miidhu hin eeyyamneef.
GEN 31:8 Yeroo inni, ‘Bushaayeen cocorreen mindaa kee taʼu’ jedhetti, bushaayeen hundi ilmaan cocorree dhalan; yeroo inni, ‘warri halluu qaxxaamuroo qaban mindaa kee taʼu’ jedhetti immoo bushaayeen hundi ilmaan qaxxaamuroo qaban dhalan.
GEN 31:9 Waaqni karaa kanaan horii abbaa keessanii fuudhee naa kenne.
GEN 31:10 “Anis gaaf tokko waqtii gaana bushaayeetti abjuu keessa ol ilaalee kunoo korbeeyyiin reʼootatti hobobsan akka halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan nan arge.
GEN 31:11 Ergamaan Waaqayyoos abjuu keessa, ‘Yaaqoob’ naan jedhe. Ani, ‘Kunoo asan jira’ jedheen deebise.
GEN 31:12 Inni immoo akkana naan jedhe; ‘Akka korbeeyyiin reʼootaa kanneen bushaayeetti hobobsan hundinuu halluu qaxxaamuroo qaban, cocorree fi buburree taʼan ol jedhii ilaali. Ani waan Laabaan sitti hojjete hunda argeeraatii.
GEN 31:13 Ani Waaqa Beetʼeel lafa ati itti utubaa dibdee wareega naaf wareegde sanaa ti. Amma kaʼiitii biyya kana keessaa baʼiitii gara biyya fira keetiitti deebiʼi.’ ”
GEN 31:14 Kana irratti Raahelii fi Liyaan akkana jedhanii deebisan; “Qoodni yookaan dhaalli mana abbaa keenyaatti nuu hafe jiraa?
GEN 31:15 Inni akkuma ormaatti nu ilaala mitii? Inni nu gurgurateeraatii maallaqa sababii keenyaaf kenname nyaatee fixeera.
GEN 31:16 Qabeenyi Waaqni abbaa keenya irraa fuudhe hundi kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti. Egaa waan Waaqni sitti hime hunda godhi.”
GEN 31:17 Yaaqoobis ijoollee isaatii fi niitota isaa gaalawwan irra kaaʼate;
GEN 31:18 horii fi qabeenya kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti horatte hunda of dura oofee gara biyya Kanaʼaan abbaa isaa Yisihaaq bira dhaquuf kaʼe.
GEN 31:19 Laabaan hoolota isaa irraa rifeensa murmuruu dhaqe; Raahel immoo waaqota abbaa ishee hatte.
GEN 31:20 Yaaqoobis akka isa dhiisee baqachuu yaade isa dhoksuudhaan Laabaan namicha Arraam sana gowwoomse.
GEN 31:21 Innis waan qabu hunda fudhatee baqate; laga Efraaxiis ceʼee biyya gaara Giliʼaaditti qajeele.
GEN 31:22 Akka Yaaqoob baqate guyyaa sadaffaatti Laabaatti himame.
GEN 31:23 Laabaanis firoota isaa fudhatee guyyaa torba Yaaqoob duukaa buʼee biyya gaara Giliʼaaditti isa qaqqabe.
GEN 31:24 Waaqnis halkan abjuudhaan gara Laabaan namicha biyya Arraam sanaa dhufee, “Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko iyyuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu” isaan jedhe.
GEN 31:25 Yaaqoob yeroo Laabaan isa qaqqabetti, biyya gaaraa Giliʼaad keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaa fi firoonni isaas achi qubatan.
GEN 31:26 Laabaanis Yaaqoobiin akkana jedhe; “Ati na gowwoomsitee intallan koo akka boojiʼamtoota waraanaatti fudhattee deemuun kee maal gochuu kee ti?
GEN 31:27 Ati maaliif dhoksaan baqatte? Maaliifis na gowwoomsite? Akka ani gammachuu fi faarfannaadhaan, dibbee fi baganaadhaan si geggeessuuf maaliif natti himuu didde?
GEN 31:28 Ati akka ani ijoollee ijoollee kootiitii fi intallan koo dhungadhee nagaatti jedhu naaf hin eeyyamne. Ati hojii gowwummaa hojjete.
GEN 31:29 Ani isin miidhuuf humna qaba; garuu eda Waaqni abbaa keessanii, ‘Ati waan gaariis taʼu hamaa tokko illee Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu’ naan jedhe.
GEN 31:30 Ati sababii mana abbaa keetiitti deebiʼuu akka malee hawwiteef deemteerta; garuu maaliif waaqota koo hatte?”
GEN 31:31 Yaaqoobis akkana jedhee Laabaaf deebii kenne; “Ati intallan kee humnaan narraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef nan deeme.
GEN 31:32 Namni ati waaqota kee isa biratti argattu jiraachuu hin qabu. Akka wanni kan kee taʼe na bira jiruu fi akka hin jirre atuu fuula firoota keenyaa duratti sakattaʼi; yoo jiraate immoo fudhadhu.” Yaaqoob Raahel waaqota sana hattuu ishee Yaaqoob hin beeku ture.
GEN 31:33 Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaatii fi dunkaana xomboreewwan lamaanii seenee homaa dhabe. Erga dunkaana Liyaatii baʼee booddees dunkaana Raahel seene.
GEN 31:34 Raahel immoo waaqota mana keessaa hatte sana kooraa gaalawwan ishee jala keessee irra taaʼaa turte. Laabaanis waan dunkaanicha keessa jiru hunda keessa barbaade; garuu homaa hin arganne.
GEN 31:35 Raahelis abbaa isheetiin, “Yaa gooftaa ko, sababii ani kaʼee fuula kee dura dhaabachuu dadhabeef hin aarin; ani xuriin of irraa qabaa” jette. Innis ni sakattaʼe malee waaqota sana hin arganne.
GEN 31:36 Yaaqoobis Laabaatti aaree isatti dheekkame. Innis akkana jedhee gaafate; “Yakki koo maali? Wanni ati akkana na adamsituuf ani cubbuu maalii hojjedheeti?
GEN 31:37 Ati miʼa koo hunda sakattaateerta; egaa miʼa mana keetii keessaa maal argatte? Yoo jiraate firoota keetii fi firoota koo duratti dhiʼeessiitii isaan nu lamaan gidduutti murtii haa kennan.
GEN 31:38 “Ani waggoota digdaman kana si wajjin jiraadheera. Hoolonnii fi reʼoonni kee tokko iyyuu hin gatanne; ani bushaayee kee keessaas korbeeyyii hin nyaanne.
GEN 31:39 Ani horii bineensi cabse gara keetti hin fidne; horii bades anatu kaffalaa ture. Waan guyyaas taʼu halkan hatame hundaaf ati na kaffalchiifatta turte.
GEN 31:40 Haalli ani keessa jiraadhe kana ture; guyyaa hoʼa, halkan immoo dhaamochatu na waxala ture; hirribnis ija koo irraa bade.
GEN 31:41 Akkasiin ani waggoota digdamman kana mana kee ture. Ani waggaa kudha afur intallan kee lamaaniif jedhee, waggaa jaʼa immoo bushaayee keetiif jedhee siif hojjedheera; ati immoo yeroo kudhan mindaa koo geeddarte.
GEN 31:42 Waaqni abbaa ko, Waaqni Abrahaam, Sodaan Yisihaaq utuu na wajjin jiraachuu baate ati silaa harka duwwaa na baasta turte. Waaqni garuu rakkina koo fi dadhabbii koo argee eda sitti dheekkame.”
GEN 31:43 Laabaan akkana jedhee Yaaqoobiif deebise; “Dubartoonni kunneen intallan koo ti; ijoolleen kunneenis ijoolluma koo ti; bushaayeen kunneenis bushaayee koo ti. Wanni ati argitu hundi kanuma koo ti. Yoos ani waaʼee intallan koo kanneeniitii fi waaʼee ijoollee isaan daʼanii harʼa maal gochuun dandaʼa?
GEN 31:44 Kottu mee anii fi ati amma walii kakannaa; kakuun kunis anaa fi si gidduutti ragaa haa taʼu.”
GEN 31:45 Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee akka utubaatti dhaabe.
GEN 31:46 Innis firoota isaatiin, “Dhagaa walitti qabaa” jedhe. Isaanis dhagaa walitti qabanii tuulan; jarris tuullaa sana biratti nyaata nyaatan.
GEN 31:47 Laabaan tuullaa sanaan “Yigaarsahaadutaa” jedhee moggaase; Yaaqoob immoo “Giliʼaad” jedheen.
GEN 31:48 Laabaanis, “Tuullaan kun anaa fi si gidduutti ragaa dha” jedhe. Gaalaʼaad jedhamuun isaa kanumaaf.
GEN 31:49 Akkasumas Miisphaa jedhame; Laabaan akkana jedhee tureetii; “Yeroo nu gargar baanutti Waaqayyo sii fi ana gidduutti eegduu haa taʼu.
GEN 31:50 Yoo ati intallan koo rakkifte yookaan yoo ati intallan koo irratti niitota biraa fuute, yoo namni tokko iyyuu nu bira hin jirre kunoo Waaqni anaa fi siʼi gidduutti ragaa dha.”
GEN 31:51 Laabaan ammas Yaaqoobiin akkana jedhe; “Tuullaa kanaa fi utubaa ani sii fi ana gidduu dhaabe kana ilaali.
GEN 31:52 Akka ani si miidhuuf jedhee tuullaa kana darbee gara keetti hin ceene, akka atis na miidhuuf jettee tuullaa kanaa fi utubaa kana dabartee gara kootti hin ceene tuullaan kun ragaa dha; utubaan kunis ragaa dha.
GEN 31:53 Waaqni Abrahaam, Waaqni Naahoor, Waaqni abbootii isaanii nu gidduutti murtii haa kennu.” Yaaqoobis akkasitti maqaa Sodaa abbaa isaa Yisihaaqiin kakate.
GEN 31:54 Innis biyya gaaraa sanatti aarsaa dhiʼeessee firoota isaa nyaatatti waame. Isaanis erga nyaatanii booddee achuma bulan.
GEN 31:55 Laabaanis guyyaa itti aanu ganama bariidhaan kaʼee ijoollee ijoollee isaatii fi intallan isaa dhungatee isaan eebbise. Ergasiis achii kaʼee gara iddoo isaatti deebiʼe.
GEN 32:1 Yaaqoobis karaa isaa itti fufe; ergamoonni Waaqayyoos isatti dhufan.
GEN 32:2 Innis yommuu isaan argetti, “Kun buufata Waaqaa ti” jedhe; iddoo sanas Mahanayiim jedhee moggaase.
GEN 32:3 Yaaqoobis gara obboleessa isaa Esaawu kan biyya Edoom lafa Seeʼiir jedhamu keessa jiraatuutti ergamoota of dura erge.
GEN 32:4 Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin gooftaa koo Esaawuun akkana jedhaa: ‘Garbichi kee Yaaqoob akkana jedha; ani Laabaa bira jiraadhee hamma ammaattis isuma biran ture.
GEN 32:5 Ani loonii fi harroota, hoolotaa fi reʼoota, hojjettoota dhiiraatii fi dubartootas qaba. Ammas ani fuula kee duratti surraa akkan argadhuuf ergaa kana gooftaa kootti nan erga.’ ”
GEN 32:6 Ergamoonni sunis gara Yaaqoobitti deebiʼanii, “Nu obboleessa kee Esaawu bira dhaqneerra; innis si simachuuf dhufaa jira; namoonni dhibba afur isa wajjin jiru” jedhaniin.
GEN 32:7 Yaaqoobis akka malee sodaatee dhiphate; namoota isa wajjin turanis garee lamatti qoode; bushaayee, loowwanii fi gaalawwan illee akkasuma garee lamatti qoode.
GEN 32:8 Innis, “Yoo Esaawu dhufee garee tokko dhaʼe, gareen kaan jalaa baʼa” jedhee yaade.
GEN 32:9 Yaaqoob akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqa abbaa koo Abrahaam, Waaqa abbaa koo Yisihaaq, yaa Waaqayyo, isa ‘Ati gara biyya keetii fi gara firoota keetiitti deebiʼi, ani waan gaarii siifin godhaa’ naan jette sun,
GEN 32:10 ani gaarummaa fi amanamummaa ati ana garbicha kee argisiifte kana hundaaf hin malu. Ani yeroo Yordaanos kana ceʼetti ulee koo qofa qaban ture; amma garuu garee lama taʼeen jira.
GEN 32:11 Ani akka ati harka obboleessa koo Esaawu jalaa na baastu sin kadhadha. Ani, ‘Inni dhufee na ajjeesa; haadhotas ijoollee isaanii wajjin ni ajjeesa’ jedhee sodaadheeraatii.
GEN 32:12 Ati garuu, ‘Ani dhugumaan waan gaarii siifin godha; sanyii kees akka cirracha galaanaa kan lakkaaʼamuu hin dandeenye sanaa nan godha’ jetteerta.”
GEN 32:13 Inni halkan sana achuma bule; waan of biraa qabu keessaas kennaa obboleessa isaa Esaawuuf kennu filate;
GEN 32:14 isaanis reʼoota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii reʼee digdama, hoolota dhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolaa digdama,
GEN 32:15 gaalawwan dhalaa soddoma ilmaan isaanii wajjin, saawwan afurtama, jiboota loonii kudhan, harroota dhaltuu digdama, wadala harrootaa kudhan turan.
GEN 32:16 Innis karra karraan addaan baasee tajaajiltoota isaatti kennee, “Na dura darbaa deemaa; karrawwan horii gidduuttis lafa hambisaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
GEN 32:17 Namicha fuula duraan jiru sanaanis akkana jedhe: “Yoo Esaaw obboleessi koo sitti dhufe, ‘Ati kan eenyuu ti? Eessa dhaqxa? Horiin fuula kee dura jiru kun kan eenyuu ti?’ jedhee si gaafate,
GEN 32:18 ati, ‘Kan garbicha kee Yaaqoob. Isaanis kennaa gooftaa koo Esaawuuf ergamanii dha; kunoo, Yaaqoobis nu duubaan dhufaa jira’ jechuu qabda.”
GEN 32:19 Namicha lammaffaa, sadaffaa fi warra karrawwan sana faana deeman hundas akkana jedhee ajaje; “Isinis yoo Esaawun argitan waanuma kana isatti himaa.
GEN 32:20 Akkasumas, ‘Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duubaan dhufaa jira’ jedhaa.” Inni, “Ani kennaa of dura ergeef kanaan isa nan araarfadha; ergasii immoo ani yommuun isa argutti tarii inni na simata taʼa” jedhee yaadee tureetii.
GEN 32:21 Kennaan Yaaqoobiis isa dura darbe; Yaaqoob garuu halkan sana qubata sana keessa bule.
GEN 32:22 Halkanuma sana Yaaqoob kaʼee niitota isaa lamaan, xomboreewwan isaa lamaanii fi ilmaan isaa kudha tokko fudhatee malkaa Yaaboq ceʼe.
GEN 32:23 Innis erga laga isaan ceesisee booddee qabeenya isaa hunda erge.
GEN 32:24 Yaaqoob immoo kophaa isaa hafe; namichi tokkos hamma lafti bariitutti walʼaansoo isa qabe.
GEN 32:25 Namichis yommuu akka Yaaqoobin moʼachuu hin dandeenye argetti, buusaa luqqeettuu Yaaqoob tuqe; yeroo inni namicha wajjin walʼaansoo qabettis luqqeettuun Yaaqoob ni adoode.
GEN 32:26 Namichis, “Waan bariʼuu gaʼeef gad na dhiisi” jedhe. Yaaqoob garuu, “Yoo ati na eebbifte malee ani gad si hin dhiisu” jedhee deebise.
GEN 32:27 Namichis, “Maqaan kee eenyu” jedhee isa gaafate. Inni immoo, “Yaaqoob” jedhee deebise.
GEN 32:28 Namichis, “Ati sababii Waaqaa fi namoota wajjin walʼaansoo qabdee moʼatteef siʼachi Israaʼel jedhamta malee Yaaqoob hin jedhamtu” jedhe.
GEN 32:29 Yaaqoobis, “Maaloo maqaa kee natti himi” jedheen. Inni garuu, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta?” jedheen. Ergasiis inni achumatti isa eebbise.
GEN 32:30 Yaaqoobis, “Ani ifaan ifatti Waaqa argeeraatii; lubbuun koo garuu oolfamteerti” jedhee iddoo sana Pheniiʼeel jedhee moggaase.
GEN 32:31 Akkuma inni Phenuuʼeelin darbeen aduun isatti baate; innis sababii luqqeettuu isaatiif okkolaa ture.
GEN 32:32 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti ribuu tafaa hin nyaatan; inni buusaa luqqeettuu Yaaqoob kan tafaan wal qabatu tuqee tureetii.
GEN 33:1 Yaaqoobis ol jedhee ilaalee kunoo Esaawu namoota dhibba afur wajjin utuu dhufaa jiruu arge; innis Liyaatti, Raahelii fi xomboreewwan lamaanitti ijoollee gargari hire.
GEN 33:2 Xomboreewwanii fi ijoollee isaanii dura aanse; Liyaa fi ijoollee ishee itti aansee, Raahelii fi Yoosefin immoo dugda duuba buuse.
GEN 33:3 Ofii isaatii immoo isaan dura darbee hamma obboleessa isaa bira gaʼutti yeroo torba lafatti gad jedhee harka fuudhe.
GEN 33:4 Esaawu garuu Yaaqoobin simachuuf itti fiigee isa hammate; morma isaattis marmee isa dhungate. Isaan lachanuu walitti booʼan.
GEN 33:5 Esaawus ol jedhee ilaalee dubartootaa fi ijoollee argee, “Warri si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate. Yaaqoobis deebise, “Isaan ijoollee Waaqni arjummaadhaan ana garbicha keetiif kennee dha” jedhe.
GEN 33:6 Xomboreewwanii fi ijoolleen isaanii dhiʼaatanii gad jedhanii harka fuudhan.
GEN 33:7 Itti aansaniis Liyaa fi ijoolleen ishee dhufanii gad jedhanii harka fuudhan. Dhuma irratti immoo Yoosefii fi Raahel dhufanii gad jedhani harka fuudhan.
GEN 33:8 Esaawu, “Bushaayee fi loon ani argu kun hundi maali?” jedhee gaafate. Yaaqoobis, “Ani fuula kee fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuuf jedhee ti” jedhe.
GEN 33:9 Esaawu immoo, “Yaa obboleessa koo ani waan na gaʼu qaba. Ati waan qabdu ofuma keetii hambifadhu” jedheen.
GEN 33:10 Yaaqoobis akkana jedhe; “Maaloo akkas miti! Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, kennaa kana na harkaa fudhadhu. Egaa amma ati fuula tolaadhaan na simatteerta; fuula kee arguun anaaf akkuma fuula Waaqaa arguutii.
GEN 33:11 Sababii Waaqni natti arjoomee anis waan na barbaachisu hunda qabuuf maaloo kennaa ani siif fide kana fudhadhu.” Esaawus waan Yaaqoob cimsee isa kadhateef kennaa sana ni fudhate.
GEN 33:12 Esaawus, “Kottu karaa keenya itti fufnee haa deemnu; ani si dura nan buʼaa” jedhe.
GEN 33:13 Yaaqoob garuu akkana isaan jedhe; “Akka ijoolleen dadhaboo taʼanii fi akka anis hoolotaa fi saawwan hoosisaniif kunuunsa gochuu qabu ati gooftaan koo ni beekta. Horiin kunneen yoo guyyuma tokkoon jarjarsuudhaan oofaman hundi isaanii ni dhumu.
GEN 33:14 Gooftaan koo garbicha isaa dura darbee haa deemu; ani immoo hamman Seeʼiiritti gooftaa koo qaqqabutti akkuma humna bushaayee fuula koo dura jirutii fi akkuma humna ijoolleetti suuta jedhee nan deema.”
GEN 33:15 Esaawus, “Yoos namoota koo keessaa muraasa si biratti nan dhiisa” jedhe. Yaaqoob immoo, “Kun maaliif barbaachisaa? Fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuun qofti na gaʼa” jedhe.
GEN 33:16 Esaawus guyyuma sana karaa isaa irra Seeʼiiritti deebiʼe.
GEN 33:17 Yaaqoob garuu Sukooti dhaqee achitti ofii isaatiif mana ijaarrate; horii isaatiif immoo daasii ijaare. Kanaafuu iddoon sun Suukooti jedhame.
GEN 33:18 Yaaqoob erga kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee nagaan magaalaa Sheekem ishee biyya Kanaʼaan keessaa sana gaʼee fuula magaalattii dura qubate.
GEN 33:19 Innis lafa dunkaana isaa irra dhaabate sana ilmaan Hamoor irraa meetii dhibbaan bitate; Hamoor immoo abbaa Sheekem.
GEN 33:20 Yaaqoobis achitti iddoo aarsaa ijaaree El Elohee Israaʼel jedhee moggaase.
GEN 34:1 Diinaan intalli Liyaan Yaaqoobiif deesse sun dubartoota biyyattii ilaaluudhaaf gad baate.
GEN 34:2 Sheekem ilmi Hamoor namicha gosa Hiiwii kan bulchaa biyya sanaa ture ishee arge; innis qabee humnaan ishee gudeede.
GEN 34:3 Qalbiin isaas Diinaa intala Yaaqoobiin fudhatame; innis ishee jaallatee afaan tolaa itti dubbate.
GEN 34:4 Sheekemis abbaa isaa Hamooriin, “Intala kana na fuusisi” jedhe.
GEN 34:5 Yaaqoob yommuu intalli isaa Diinaan akka gudeedamte dhagaʼetti, ilmaan isaa dirree irra horii tiksu turan; kanaafuu Yaaqoob hamma isaan galanitti ni calʼise.
GEN 34:6 Hamoor abbaan Sheekemis Yaaqoob wajjin dubbachuu dhaqe.
GEN 34:7 Ilmaan Yaaqoobis akkuma waan uumame sana dhagaʼaniin dirreedhaa dhufan. Isaanis sababii Sheekem intala Yaaqoob wajjin ciisuudhaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa hojjeteef ni gaddan; akka malees aaran.
GEN 34:8 Hamoor garuu akkana isaaniin jedhe; “Qalbiin ilma koo Sheekem intala keessan irra buʼeera. Maaloo isatti ishee heerumsiisaa.
GEN 34:9 Fuudhaa fi heerumaan walitti firoomnaa; intallan keessan nuu kennaa; intallan keenyas fuudhaa.
GEN 34:10 Nu wajjin jiraadhaa; biyyattiin fuula keessan dura jirti; keessa jiraadhaatii itti daldalaa; qabeenyas itti horadhaa.”
GEN 34:11 Sheekemis abbaa Diinaatii fi obboloota isheetiin akkana jedhe; “Ani fuula keessan duratti fudhatama argannaan waanuma isin naan jettan isiniif nan kenna.
GEN 34:12 Isinis gabbara misirrittiitii fi kennaa ani fiduu qabu hamma feetan natti muraa; anis waan isin naan jettan nan baasa. Intalattii qofa natti heerumsiisaa.”
GEN 34:13 Ilmaan Yaaqoob immoo waan Sheekem obboleettii isaanii Diinaa gudeedeef yeroo Sheekemii fi abbaa isaa Hamooriif deebii kennanitti haxxummaadhaan dubbatan.
GEN 34:14 Isaanis akkana isaaniin jedhan; “Nu waan akkanaa gochuu hin dandeenyu; nu nama dhagna hin qabatiniif intala keenya kennuu hin dandeenyu. Kun nuuf salphina.
GEN 34:15 Nu waan tokko qofaan tole isiniin jenna; kunis yoo isin dhiira keessan hunda dhagna qabdanii akkuma keenya taatanii dha.
GEN 34:16 Ergasii nu intallan keenya isinii kennina; intallan keessan immoo ni fuuna. Gidduu keessan ni jiraanna; isin wajjinis saba tokko ni taana.
GEN 34:17 Garuu yoo isin dhagna qabachuu diddan nu obboleettii keenya fudhannee deemna.”
GEN 34:18 Dubbiin isaanii Hamoorii fi Sheekem ilma Hamoor ni gammachiise.
GEN 34:19 Sheekem namoota mana abbaa isaa jiraatan hunda caalaa kabajamaa ture; inni sababii intala Yaaqoobitti gammadeef waan kana lafa irra hin harkifne;
GEN 34:20 Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem gara karra magaalaa isaanii dhufanii namoota magaalaa isaaniitiin akkana jedhan;
GEN 34:21 “Jarri kun nuuf warra nagaa ti; kanaafuu biyyattii keessa jiraatanii itti haa daldalatan. Biyyattiin isaaniif lafa balʼaa qabdi; nu intallan isaanii haa fuunu; isaanis intallan keenya haa fuudhan.
GEN 34:22 Garuu namoonni kunneen akka saba tokkootti nu wajjin jiraachuuf tole kan jedhan yoo dhiironni keenya akkuma isaanii dhagna qabatan qofa.
GEN 34:23 Loon isaanii, qabeenyi isaaniitii fi horiin isaanii kaan hundinuu kanuma keenya hin taʼanii? Kanaafuu kottaa tole isaaniin jennaa; isaanis nu wajjin ni jiraatu.”
GEN 34:24 Namoonni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuu Hamoorii fi ilma isaa Sheekemiin walii galan; dhiironni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuus dhagna qabatan.
GEN 34:25 Guyyaa sadii booddee utuma isaan dhukkubsachaa jiranuu, ilmaan Yaaqoobii keessaa namni lama Simiʼoonii fi Lewwiin, obboloonni Diinaa, goraadee isaanii fudhatanii magaalaa homaa quba hin qabne sana dhaʼanii dhiira hunda ajjeesan.
GEN 34:26 Isaanis goraadeedhaan Hamoorii fi ilma isaa Sheekemin ajjeesanii Diinaa immoo mana Sheekemiitii fudhatanii qajeelan.
GEN 34:27 Ilmaan Yaaqoobis reeffawwan irra darbanii magaalaa obboleettiin isaanii itti gudeedamte sana saaman.
GEN 34:28 Isaanis bushaayee isaanii, loon isaanii, harroota isaaniitii fi waan isaan magaalaa keessaa fi alaa qaban hunda fudhatan.
GEN 34:29 Qabeenya isaanii hunda, dubartootaa fi ijoollee isaanii hunda fudhatanii deeman; waan mana keessa jiru hundas ni boojiʼan.
GEN 34:30 Yaaqoobis Simiʼoonii fi Lewwiidhaan akkana jedhe; “Isin akka ani Kanaʼaanotaa fi Feerzota biyya kana jiraatanitti xireeffatamu gochuudhaan rakkoo natti fiddan. Nu baayʼinaan xinnoo dha; yoo isaan humna walitti dabalatanii na lolan anii fi warri mana koo hundinuu ni dhumna.”
GEN 34:31 Isaan garuu, “Yoos inni akkuma sagaagaltuu tokkootti obboleettii keenyatti haa taphatuu ree?” jedhanii deebisan.
GEN 35:1 Waaqni Yaaqoobiin, “Kaʼiitii Beetʼeelitti ol baʼii achi jiraadhu; achittis Waaqa yeroo ati obboleessa kee Esaawun baqatetti sitti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa tolchi” jedhe.
GEN 35:2 Yaaqoob warra mana isaa jiranii fi warra isa wajjin turan hundaan akkana jedhe; “Waaqota ormaa kanneen isin of biraa qabdan irraa fagaadhaa; of qulqulleessaa; uffata keessanis geeddaradhaa.
GEN 35:3 Kottaa kaanee Beetʼeelitti ol baanaa; anis achitti Waaqa gaafa rakkina kootii deebii naa kenne isa iddoo ani dhaqe hundumatti na wajjin ture sanaaf iddoo aarsaa nan tolcha.”
GEN 35:4 Isaanis waaqota ormaa kanneen isaan of biraa qaban hundaa fi lootii gurra isaanii Yaaqoobitti kennan; Yaaqoobis fuudhee qilxuu Sheekemii jalatti awwaale.
GEN 35:5 Isaanis kaʼanii qajeelan; akka namni tokko iyyuu isaan duukaa hin buuneef naasisuun Waaqaa magaalaawwan naannoo isaanii jiran irra buʼe.
GEN 35:6 Yaaqoobii fi namoonni isa wajjin turan hundi gara Luuzi kan Beetʼeel jedhamtuu ishee biyya Kanaʼaan keessatti argamtu sanaa dhufan.
GEN 35:7 Innis achitti iddoo aarsaa tolchee sababii yeroo inni obboleessa isaa jalaa baqachaa turetti Waaqni achitti isatti of mulʼiseef iddoo sana El Beetʼeel jedhee waame.
GEN 35:8 Debooraan guddiftuun Ribqaa duutee Beetʼeelii gaditti qilxuu jalatti awwaalamte. Maqaan isaas Aloonbaakut jedhame.
GEN 35:9 Erga Yaaqoob kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee Waaqni ammas isatti mulʼatee isa eebbise.
GEN 35:10 Waaqni, “Maqaan kee Yaaqoob; siʼachi garuu ati Yaaqoob hin jedhamtu; maqaan kee Israaʼel jedhama” jedheen. Maqaan isaas Israaʼel jedhame.
GEN 35:11 Waaqni akkana isaan jedhe; “Ani Waaqa Waan Hunda Dandaʼu dha; hori; baayʼadhus. Sabnii fi waldaan sabootaa sirraa argamu; mootonnis mudhii kee keessaa baʼu.
GEN 35:12 Ani biyya Abrahaamii fi Yisihaaqiif kenne siifis nan kenna; ani biyya kana sanyii kee warra si booddeetiifis nan kenna.”
GEN 35:13 Waaqnis iddoo itti isa wajjin haasaʼaa ture sanatti isa dhiisee ol baʼe.
GEN 35:14 Yaaqoob iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana utubaa dhagaa tokko dhaabee kennaa dhugaatii irratti dhangalaase; zayitiis irratti dhangalaase.
GEN 35:15 Yaaqoobis iddoo itti Waaqni isa wajjin dubbate sana Beetʼeel jedhee moggaase.
GEN 35:16 Isaanis Beetʼeelii kaʼanii adeemsa isaanii itti fufan. Akkuma isaan Efraataatti dhiʼaataniinis Raahel ciniinsuun qabamtee akka malee muddamte.
GEN 35:17 Utuu isheen daʼuuf ciniinsuu jabaa keessa jirtuus deessiftuun, “Ati waan ilma biraa deessuuf hin sodaatin” jetteen.
GEN 35:18 Raahel garuu waan duʼuu geesseef utuma lubbuun ishee baʼaa jirtuu Ben-Oonii jettee ilma ishee moggaafte. Abbaan isaa garuu Beniyaam jedhee isa moggaase.
GEN 35:19 Akkasiin Raahel duutee karaa Efraataatti geessu irratti awwaalamte; Efraataan kun immoo Beetlihem.
GEN 35:20 Yaaqoobis awwaala ishee irra soodduu dhaabe; soodduun sunis hamma harʼaattuu awwaala Raahel argisiisa.
GEN 35:21 Israaʼel ammas achii kaʼee Migdaal Eederiin gamatti dunkaana isaa dhaabbate.
GEN 35:22 Utuu Israaʼel biyya sana jiraatuu Ruubeen ol seenee saajjatoo abbaa isaa Bilihaa wajjin ciise; Israaʼelis waan kana dhagaʼe.
GEN 35:23 Ilmaan Liyaa: Ruubeen jechuunis ilma Yaaqoob isa hangafa, Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakorii fi Zebuuloon.
GEN 35:24 Ilmaan Raahel: Yoosefii fi Beniyaam.
GEN 35:25 Ilmaan Bilihaa jechuunis xomboree Raahel: Daanii fi Niftaalem.
GEN 35:26 Ilmaan Zilfaa jechuunis xomboree Liyaa: Gaadii fi Aasheer.
GEN 35:27 Yaaqoobis gara abbaa isaa, gara Yisihaaq, gara magaalaa Mamree ishee Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtuu, iddoo Abrahaamii fi Yisihaaq alagoota taʼanii jiraachaa turan sanaa dhufe.
GEN 35:28 Yisihaaq waggaa dhibba tokkoo fi saddeettama jiraate.
GEN 35:29 Innis umurii quufee, dulloomee hafuura isaa kan dhumaa baafatee duʼe; gara saba isaattis dabalame. Ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoobis isa awwaalan.
GEN 36:1 Seenaan maatii Esaawu kan Edoom jedhamu sanaa kana.
GEN 36:2 Esaaw niitota isaa dubartootaa Kanaʼaan keessaa fuudhe; isaanis Aadaa intala Eeloon namicha gosa Heetii fi Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibeʼoon namicha gosa Hiiwii,
GEN 36:3 akkasumas Baasmati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti.
GEN 36:4 Aadaan Eliifaazin Esaawuuf deesse; Baasmati immoo Reʼuuʼeelin deesse.
GEN 36:5 Oholiibaamaanis Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse. Isaan kunneen ilmaan Esaawu kanneen Kanaʼaanitti isaaf dhalatanii dha.
GEN 36:6 Esaawu niitota isaa, ilmaan isaa, intallan isaatii fi warra mana isaa jiraatan hunda, akkasumas karra loon isaa, horii isaa kaan hundaa fi qabeenya biyya Kanaʼaanitti horate hunda fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob biraa kaʼee biyya biraa dhaqe.
GEN 36:7 Waan qabeenyi isaanii akka malee baayʼateef isaan walii wajjin jiraachuu dadhaban; lafti isaan jiraachaa turanis sababii baayʼina horii isaaniitiif isaan gaʼuu hin dandeenye.
GEN 36:8 Esaawu biyya gaara Seeʼiir keessa jiraate; Esaawu jechuun Edoomii dha.
GEN 36:9 Seenaan maatii Esaawu abbaa Edoomotaa kan warra biyya gaara Seeʼiir keessa jiraatanii kana.
GEN 36:10 Maqaan ilmaan Esaawu: Eliifaaz, ilma Aadaa niitii Esaawuutii fi Reʼuuʼeel ilma Baasmati niitii Esaawuu ti.
GEN 36:11 Ilmaan Eliifaaz: Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz.
GEN 36:12 Eliifaaz ilmi Esaawus saajjatoo Tiimnaa jedhamtu qaba ture; isheenis Amaaleqin Eliifaaziif deesse. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Aadaa niitii Esaawu.
GEN 36:13 Ilmaan Reʼuuʼeel: Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
GEN 36:14 Oholiibaamaan niitiin Esaawu intalli Aannaa ilma Zibeʼoon Esaawuuf: Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse.
GEN 36:15 Isaan kunneen sanyiiwwan Esaawu keessaa hangafoota turan: Ilmaan Eliifaaz ilma Esaawu isa hangafaa: Teemaan hangafticha, Oomaar hangafticha, Zefoo hangafticha, Qenaz hangafticha,
GEN 36:16 Qooraahi hangafticha, Gaataam hangaftichaa fi Amaaleq hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoom keessatti Eliifaaz irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Aadaa ti.
GEN 36:17 Ilmaan Reʼuuʼeel ilma Esaawu: Nahaati hangafticha, Zeraa hangafticha, Shamaa hangaftichaa fi Miizaah hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoomitti Raaquʼel irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Baasmati niitii Esaawu.
GEN 36:18 Ilmaan Oholiibaamaa niitii Esaawu: Yeʼuushi hangafticha, Yaʼilaamaa hangaftichaa fi Qooraahi hangafticha. Isaan kunneen hangafoota Ahiliibaamaa niitii Esaawu intala Aannaa irraa dhalatanii dha.
GEN 36:19 Isaan kunneen ilmaan Esaawu Edoom jedhamu sanaa turan; isaan kunneenis hangafoota isaanii turan.
GEN 36:20 Isaan kunneen ilmaan Seeʼiir namicha gosa Hoorii kanneen biyya sana keessa jiraachaa turanii dha; isaanis: Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa,
GEN 36:21 Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Ilmaan Seeʼiir kanneen biyya Edoom keessaa kunneen hangafoota hoorotaa turan.
GEN 36:22 Ilmaan Looxaan: Hoorii fi Hoomaam. Tiimnaa obboleettii Looxaan.
GEN 36:23 Ilmaan Sobaal: Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami.
GEN 36:24 Ilmaan Zibeʼoon: Ayyaa fi Aannaa. Aannaan kunis namicha utuu harroota abbaa isaa Zibeʼoon tiksuu gammoojjii keessatti burqaa bishaan danfaa argatee dha.
GEN 36:25 Ijoollee Aannaa: Diishoonii fi Oholiibaamaa intala Aannaa.
GEN 36:26 Ilmaan Diishoon: Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
GEN 36:27 Ilmaan Eezeri: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan.
GEN 36:28 Ilmaan Diishaan: Uuzii fi Araan.
GEN 36:29 Isaan kunneen hangafoota Hoorotaa ti: Looxaan, Sobaali, Zibeʼoon, Aannaa,
GEN 36:30 Diishoon, Eezerii fi Diishaan.
GEN 36:31 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan:
GEN 36:32 Belaa ilmi Beʼoor mootii Edoom taʼe. Magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame.
GEN 36:33 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
GEN 36:34 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
GEN 36:35 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
GEN 36:36 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
GEN 36:37 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
GEN 36:38 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
GEN 36:39 Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture. Isheenis intala Maxreed intala Mee-Zaahaab turte.
GEN 36:40 Hangafoonni Esaawu irraa dhalatan akkuma gosa gosa isaaniittii fi akkuma naannoo jireenya isaaniitti maqaa maqaan kanneenii dha: Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
GEN 36:41 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,
GEN 36:42 Qenaz, Teemaan, Mibzaar,
GEN 36:43 Magidiiʼeelii fi Iiraam.
GEN 37:1 Yaaqoob biyya abbaan isaa ture, Kanaʼaan keessa jiraate.
GEN 37:2 Seenaan maatii Yaaqoob kana. Yoosef yeroo dargaggeessa waggaa kudha torba turetti obboloota isaa, ilmaan niitota abbaa isaa jechuunis ilmaan Bilihaatii fi Zilfaa wajjin bushaayee tiksa ture; innis waaʼee obboloota isaa oduu hamaa abbaa isaatiif fide.
GEN 37:3 Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yoosefin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef.
GEN 37:4 Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yoosefin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.
GEN 37:5 Yoosef abjuu abjootee obboloota isaatti hime; isaanis ittuma caalchisanii isa jibban.
GEN 37:6 Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee abjuu ani arge kana dhagaʼaa:
GEN 37:7 Nu lafa qotiisaa keessatti bissii midhaanii hidhaa ture; kunoo, bissiin koo ol jedhee dhaabate; bissiiwwan keessan immoo bissii kootti naannaʼanii gad jedhanii sagadaniif.”
GEN 37:8 Obboloonni isaas, “Ati nu irratti mootii taʼuu barbaaddaa? Dhugumaan situ nu bulchaa?” jedhaniin. Isaanis sababii abjuu isaatii fi sababii waan inni dubbateetiif ittuma caalchisanii isa jibban.
GEN 37:9 Ergasiis abjuu biraa abjootee obboloota isaatti hime. Akkanas jedheen; “Kunoo, ani abjuu biraa abjoodheera; aduu fi jiʼi, urjiiwwan kudha tokkos gad jedhanii naa sagadu.”
GEN 37:10 Yommuu inni waan kana abbaa isaatii fi obboloota isaatti himetti abbaan isaa, “Abjuun ati abjootte kun maali? Ani, haati keetii fi obboloonni kee dhugumaan dhufnee fuula kee duratti gad jennee siif sagadnaa?” jedhee isatti dheekkame.
GEN 37:11 Obboloonni isaa isatti hinaafan; abbaan isaa garuu waan kana garaatti qabate.
GEN 37:12 Gaaf tokko obboloonni isaa bushaayee abbaa isaanii Sheekem bira dheechisuu dhaqan;
GEN 37:13 Israaʼelis Yoosefiin, “Akkuma ati beektu obboloonni kee Sheekem bira bushaayee dheechisaa jiru. Mee kottu ani gara isaaniitti si ergaa” jedhe. Yoosefis, “Kunoo asan jira” jedheen.
GEN 37:14 Israaʼel immoo, “Mee dhaqiitii akka obboloonni kee, bushaayeenis nagaa taʼanii fi akka hin taʼin ilaaliitii deebiʼii natti himi” jedheen. Innis akkasiin Sulula Kebrooniitii Sheekemitti isa erge. Yoosefis Sheekem gaʼe;
GEN 37:15 namichi tokko isa arge; kunoo inni dirree irra jooraa ture; namichi sunis, “Ati maal barbaadda?” jedhee isa gaafate.
GEN 37:16 Yoosefis deebisee, “Ani obboloota koon barbaada. Ati iddoo isaan bushaayee isaanii dheechisan mee natti himi” jedheen.
GEN 37:17 Namichis deebisee, “Isaan asii deemaniiru; ani ‘Gara Dootaan haa dhaqnu’ jechuu isaanii dhagaʼeera” jedhe. Yoosefis obboloota isaa duukaa buʼee Dotaayin biratti isaan argate.
GEN 37:18 Isaan garuu fagootti isa arganii isa ajjeesuuf utuu inni isaan bira hin gaʼin mariʼatan.
GEN 37:19 Isaanis akkana waliin jedhan; “Kunoo abbaan abjuu sun dhufaa jira!
GEN 37:20 Kottaa ajjeefnee boollawwan as jiran keessaa tokkotti isa gannee bineensa hamaatu isa nyaate jenna. Ergasii immoo abjuun isaa maal akka taʼu ilaalla.”
GEN 37:21 Ruubeen waan kana dhageenyaan isaan harkaa isa baase. Innis akkana jedhe; “Lakkii isa hin ajjeefnu;
GEN 37:22 dhiiga hin dhangalaasinaa. Gammoojjii keessatti boolla kana keessa isa buusaa malee harka keessaniin isa hin tuqinaa.” Ruubeen isaan harkaa isa baasee gara abbaa isaatti isa deebisuuf akkana jedhe.
GEN 37:23 Yeroo Yoosef obboloota isaa bira gaʼetti isaan qoloo inni uffate, qoloo miidhagaa sana isa irraa baasanii,
GEN 37:24 isa fuudhanii boollatti gad darbatan. Boolli sunis duwwaa ture; bishaanis hin qabu ture.
GEN 37:25 Obboloonni isaa buddeena nyaachuuf tataaʼan; ol jedhaniis kunoo, daldaltoota warra Ishmaaʼeel kanneen Giliʼaadii dhufaa jiran argan. Isaanis urgooftuu, haphee dibataatii fi qumbii gaalawwan isaaniitti feʼatanii Gibxitti geessaa turan.
GEN 37:26 Yihuudaanis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Obboleessa keenya ajjeefnee dhiiga isaa dhoksuun buʼaa maalii nuu qaba?
GEN 37:27 Kottaa Ishmaaʼeelootatti isa gurgurra malee harka keenyaan isa hin tuqnuu; inni obboleessa keenyaa fi foon keenya.” Obboloonni isaas yaada kana fudhatan.
GEN 37:28 Yommuu daldaltoonni Midiyaan achiin darbuuf dhufanittis obboloonni Yoosef boolla keessaa harkisanii ol isa baasanii meetii saqilii digdamaatti Ishmaaʼeelootatti isa gurguratan; jarris Gibxitti isa geessan.
GEN 37:29 Ruubeen gara boolla sanaatti deebiʼe; Yoosef boolla sana keessa hin turre; innis uffata ofii isaa tarsaase.
GEN 37:30 Innis gara obboloota isaa dhaqee, “Gurbichi achi hin jiru! Egaa ani eessan dhaqa?” jedheen.
GEN 37:31 Isaanis qoloo Yoosef fuudhanii reʼee tokko qalanii qoloo sana dhiiga keessa cuuphan.
GEN 37:32 Qoloo miidhagaa sanas abbaa isaaniitti geessanii, “Nu qoloo kana arganneerra; mee qoloo ilma keetii taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ilaali” jedhan.
GEN 37:33 Innis qoloo sana beekee, “Kun qoloo ilma kootii ti! Bineensa hamaatu isa nyaate. Dhugumaan Yoosef ciccirameera” jedhe.
GEN 37:34 Kana irratti Yaaqoob uffata ofii isaa tarsaase; wayyaa gaddaa mudhiitti hidhatee guyyaa baayʼee ilma isaatiif gadde.
GEN 37:35 Ilmaan isaatii fi intallan isaa hundinuu isa jajjabeessuuf kaʼan; inni garuu jajjabaachuu didee, “Lakkii ani gaddaa gara ilma koo siiʼoolitti gad buʼa” jedhe. Akkasiin abbaan isaa ni booʼeef.
GEN 37:36 Gidduu sana warri Midiyaan sun Gibxi keessatti Phoxiifaaraa namicha qondaaltota Faraʼoon keessaa tokko ture kan ajajaa waardiyyaa taʼe tokkotti Yoosefin gurguratan.
GEN 38:1 Yeroo kanatti Yihuudaan obboloota isaa biraa deemee namicha Adulaam kan Hiiraam jedhamu tokko bira jiraachuuf gad buʼe.
GEN 38:2 Achittis Yihuudaan intala namicha Kanaʼaan kan Shuuwaan jedhamu tokkoo arge; innis ishee fuudhee ishee bira gaʼe;
GEN 38:3 isheenis ulfooftee ilma deesse; maqaan isaas Eer jedhame.
GEN 38:4 Ammas ulfooftee ilma deesse; maqaa isaas Oonaan jettee moggaafte.
GEN 38:5 Ammas ittuma dabaltee ulfooftee ilma biraa deessee maqaa isaa Sheelaa jettee moggaafte. Isheenis Kiziibitti isa deesse.
GEN 38:6 Yihuudaanis Eer ilma isaa hangafticha niitii fuusise; maqaan ishee Taamaar jedhama ture.
GEN 38:7 Garuu Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isa ajjeese.
GEN 38:8 Yihuudaanis Oonaaniin, “Obboleessa keetiif sanyii dhaabuuf jedhiitii niitii obboleessa keetii bira gaʼiitii dirqama waarsummaa keetii isheef guuti” jedhe.
GEN 38:9 Oonaan garuu akka ijoolleen dhalattu sun kan isaa hin taane beeke; kanaafuu akka obboleessa isaatiif sanyii hin dhaabneef jedhee yeroo niitii obboleessa isaa bira gaʼu hunda afeetaa lafatti dhangalaasa ture.
GEN 38:10 Wanni inni hojjete sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isas ni ajjeese.
GEN 38:11 Ergasii Yihuudaan niitii ilma isaa Taamaariin, “Hamma ilmi koo Sheelaa guddatutti haadha hiyyeessaa taʼiitii mana abbaa keetii jiraadhu” jedhe. Inni, “Mucaan kunis akkuma obboloota isaa duʼaa laata” jedhee yaadee tureetii. Kanaafuu Taamaar mana abbaa ishee jiraachuu dhaqxe.
GEN 38:12 Bara dheeraa booddees intalli Shuuwaa niitiin Yihuudaa duute. Yihuudaanis gadda isaa irraa bayyanannaan gara Tiimnaahitti lafa warra hoolota isaa irraa rifeensa murmuraniitti ol baʼe; michuun isaa Hiiraam namichi Adulaam isa wajjin deeme.
GEN 38:13 Taamaaris, “Kunoo abbaan dhirsa keetii hoolota isaa irraa rifeensa murmuruuf jedhee Tiimnaahitti ol baʼaa jira” jedhanii yeroo itti himanitti,
GEN 38:14 wayyaa haadha hiyyeessaa of irraa baaftee of dhoksuuf haguuggii haguuggatte; ergasiis balbala Enaayimitti ol galchu kan daandii Tiimnaahitti geessu irra jiru dura teesse. Sheelaa guddatu iyyuu isheen akka niitummaadhaan isaaf hin kennamin beektee turteetii.
GEN 38:15 Yihuudaan yommuu ishee argetti sababii isheen fuula ishee haguuggattee turteef sagaagaltuu ishee seʼe.
GEN 38:16 Innis utuu akka isheen niitii ilma isaa taate hin beekin karaa cina iddoo isheen jirtu ishee bira dhaqee, “Mee kottu si wajjin nan ciisaa” jedheen. Isheenis, “Ati na wajjin ciisuuf maal naa kennita?” jettee isa gaafatte.
GEN 38:17 Inni immoo, “Ani bushaayee koo keessaa ilmoo reʼee tokko siifin erga” jedheen. Isheenis, “Hamma ilmoo sana naa ergitutti waan biraa qabsiisa naa kennitaa?” jetteen.
GEN 38:18 Innis, “Ani qabsiisa maalin siif kenna?” jedheen. Isheenis deebiftee, “Chaappaa kee hidhaa isaa wajjin, ulee qabattee deemtus naa kenni” jetteen. Innis wantoota kanneen kenneefii ishee wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte.
GEN 38:19 Erga achii deemtee booddee haguuggii ishee of irraa baaftee wayyaa dhirsi ishee irraa duunaan uffattee turte sana deebiftee uffatte.
GEN 38:20 Yihuudaan waan qabsiisa kenne dubartii sana irraa deebifachuuf jedhee karaa michuu isaa namicha Adulaam sanaatiin ilmoo reʼee ergeef; namichi garuu ishee hin argine.
GEN 38:21 Namichis, “Sagaagaltuun Enaayim bira, daandii irra taaʼaa turte sun eessa jirti?” jedhee warra achi jiraatan gaafate. Jarri immoo deebisanii, “Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre” jedhan.
GEN 38:22 Innis gara Yihuudaatti deebiʼee, “Ani dubartittii arguu hin dandeenye. Akkasumas warri iddoo sana jiraatan, ‘Sagaagaltuun tokko iyyuu as hin turre’ jedhan” jedheen.
GEN 38:23 Yihuudaanis, “Isheen waan qabatte sana haa hambifattu; yoo kanaa achii nu waan kolfaa taanaa. Kunoo ani ilmoo reʼee kana isheef ergeera; ati garuu ishee dhabde” jedhe.
GEN 38:24 Gara jiʼa sadii booddee, “Taamaar niitiin ilma keetii sagaagaltuu taateerti; kanaanis isheen amma ulfoofteerti” jedhanii Yihuudaatti himan. Yihuudaan immoo, “Gadi baasaatii ibiddaan gubaa ishee ajjeesaa!” jedhe.
GEN 38:25 Isheenis utuma gad baafamaa jirtuu, “Ani abbaa miʼa kanaa irraa ulfaaʼeera” jettee abbaa dhirsa isheetti ergaa ergite. Akkasumas, “Chaappaa fi kirriin isaa, uleen kunis kan eenyuu akka taʼe mee ilaalii addaan baafadhu” jetteen.
GEN 38:26 Yihuudaanis miʼa kana beekee, “Sababii ani ilma koo Sheelaatti ishee hin heerumsiisiniif, isheen na caalaa qajeeltuu dha” jedhe. Innis deebiʼee ishee bira hin geenye.
GEN 38:27 Yommuu yeroon daʼumsa ishee gaʼetti, kunoo, ilmaan lakkuutu gadameessa ishee keessa ture.
GEN 38:28 Utuu isheen daʼumsa irra jirtuu inni tokko harka isaa gad baafate; deessiftuunis qabdee, “Isa kanatu dura lafa gaʼe” jettee kirrii diimaa harka isaatti hiite.
GEN 38:29 Akkuma inni harka isaa ol deebifateen kunoo obboleessi isaa dhalate; deessiftuunis, “Ati akkamiin ofuma keetiin cabsitee baate?” jette. Maqaan isaas Faares jedhame.
GEN 38:30 Obboleessi isaa kan kirrii diimaa harka irraa qabu sunis ni dhalate; innis Zaaraa jedhamee moggaafame.
GEN 39:1 Yeroo kanatti Yoosef Gibxitti geeffamee ture. Phoxiifaaraan namichi Gibxi qondaalli Faraʼoon kan ajajaa waardiyyaa ture sun Ishmaaʼeeloota achi isa geessan irraa isa bitate.
GEN 39:2 Yoosefis waan Waaqayyo isa wajjin tureef nama milkaaʼaa taʼe; innis mana gooftaa isaa namicha biyya Gibxi sanaa jiraate.
GEN 39:3 Gooftaan isaas akka Waaqayyo isa wajjin jiruu fi akka Waaqayyo waan inni hojjetu hunda keessatti isa milkoomse arge;
GEN 39:4 Yoosefis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne.
GEN 39:5 Gaafa inni mana isaatii fi waan inni qabu hunda irratti isa muudee jalqabee Waaqayyo sababii Yoosefiif jedhee mana namicha Gibxi sanaa eebbise. Eebbi Waaqayyoos waan Phoxiifaaraan manaa fi alaa qabu hunda irra ture.
GEN 39:6 Kanaafuu Phoxiifaaraan waan qabu hunda harka Yoosef jala galche; innis waan nyaatu qofa malee qabeenya isaa tokko illee hin beeku ture. Yoosef dhaaba toleessaa fi miidhagaa ture;
GEN 39:7 niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yoosef irra buufattee, “Kottuu na bira gaʼi!” jetteen.
GEN 39:8 Inni garuu didee akkana isheen jedhe; “Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera.
GEN 39:9 Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Waaqatti cubbuu hojjedha ree?”
GEN 39:10 Isheen guyyuma guyyaan Yoosefitti dubbattu iyyuu, inni ishee bira gaʼuu yookaan ishee biratti argamuu illee ni dide.
GEN 39:11 Gaaf tokko Yoosef hojii isaa hojjechuuf mana seene; tajaajiltoota warra mana sanaa keessaas namni tokko iyyuu achi hin turre.
GEN 39:12 Isheenis wayyaa isaa qabattee, “Kottuutii na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe.
GEN 39:13 Isheenis yommuu akka inni wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe argitetti,
GEN 39:14 hojjettoota mana ishee waamtee akkana jetteen; “Kunoo, inni Ibricha kana akka nutti taphatuuf fide! Inni na bira gaʼuuf natti ol seennaan ani sagalee guddaan iyye.
GEN 39:15 Innis gargaarsa barbaachaaf iyyuu koo dhageenyaan wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.”
GEN 39:16 Isheen hamma gooftaan isaa galutti wayyaa isaa of bira keesse.
GEN 39:17 Akkana jettees oduu kana isatti himte: “Garbichi Ibrichi ati nuu fidde sun natti taphachuuf natti ol seene.
GEN 39:18 Garuu akkuma ani gargaarsa barbaachaaf iyyeen inni wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.”
GEN 39:19 Gooftaan isaa yommuu oduu niitiin isaa, “Wanni garbichi kee na godhe kana” jettee itti himte sana dhagaʼetti aaree gubate.
GEN 39:20 Gooftaan isaas Yoosefin fuudhee mana hidhaa iddoo hidhamtoonni mootichaa itti eegaman keessa buuse. Taʼus yeroo Yoosef mana hidhaa keessa turetti,
GEN 39:21 Waaqayyo isa wajjin ture; fuula ajajaa mana hidhaa sanaa durattis gaarummaa isaa itti argisiise; akka fudhatamas argatu godhe.
GEN 39:22 Ajajaan mana hidhaa sunis namoota mana hidhaa jiran hunda irratti Yoosefin muude; waan achitti hojjetamu hunda irrattis itti gaafatamaa isa godhe.
GEN 39:23 Sababii Waaqayyo isa wajjin turee fi waan inni hojjetu kam iyyuu isaa milkeesseef ajajaan mana hidhaa sun waan itti gaafatama Yoosef jala jiru hundaaf yaaddoo tokko illee hin qabu ture.
GEN 40:1 Kana booddee namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu gooftaa isaanii mootii Gibxi sana gaddisiisan.
GEN 40:2 Faraʼoonis qondaaltota isaa lamaanitti jechuunis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa tolchaa buddeenaatti aare;
GEN 40:3 innis mana ajajaa waardiyyaa keessa mana hidhaa iddoo Yoosef itti hidhamee ture keessa isaan buuse.
GEN 40:4 Ajajaan waardiyyaa Yoosefitti isaan kenne; Yoosefis isaan tajaajilaa ture. Jarris guyyaa baayʼee mana hidhaa turan;
GEN 40:5 isaan lachanuu jechuunis namichi mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiʼeessuu fi namichi buddeena tolchu tokkoon tokkoon isaanii halkanuma tokko keessatti abjuu abjootan; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture.
GEN 40:6 Yoosef guyyaa itti aanu ganama isaan bira dhaqe; kunoo utuu gaddanii jiranuus isaan arge.
GEN 40:7 Innis, “Fuulli keessan harʼa maaliif akkana dukkanaaʼa?” jedhee qondaaltota Faraʼoon warra isa wajjin mana gooftaa isaa keessa mana hidhaa turan sana gaafate.
GEN 40:8 Isaanis, “Nu lachuu abjuu abjoonnee nama nuu hiiku dhabne” jedhaniin. Kana irratti Yoosef, “Hiikkaan kan Waaqaa ti mitii? Mee abjuu keessan natti himaa” jedheen.
GEN 40:9 Itti gaafatamaan dhugaatii sun akkana jedhee abjuu isaa Yoosefitti himate; “Abjuu koo keessatti kunoo muka wayinii tokkotu fuula koo dura ture;
GEN 40:10 mukti wayinii sunis damee sadii qaba ture. Innis akkuma lateen daraare; hurbuun ija isaas ni bilchaatte.
GEN 40:11 Xoofoon Faraʼoon na harka ture; anis ija wayinii fuudhee xoofoo Faraʼoonitti cuunfee xoofoo sana harka Faraʼoonitti kenne.”
GEN 40:12 Yoosefis akkana jedheen; “Hiikkaan isaa kana; dameewwan sadan sun guyyaa sadii.
GEN 40:13 Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; taayitaa keettis si deebisa; akkuma yeroo dhugaatii dhiʼeessaafii turte sana atis xoofoo Faraʼoon harka isaatti ni kennita.
GEN 40:14 Garuu yeroo sitti tolutti na yaadadhu; waan gaariis naa godhi. Waaʼee koo Faraʼoonitti himiitii mana hidhaa kanaa na baasi.
GEN 40:15 Ana biyya Ibrootaatii hatanii na fidaniitii; biyya kana keessattis ani waan boolla kana keessa na buusisu tokko illee hin hojjenne.”
GEN 40:16 Itti gaafatamaan buddeenaa sunis yommuu akka Yoosef abjuu sanaaf hiikkaa gaarii kenne argetti Yoosefiin akkana jedhe; “Anis abjuu tokkon abjoodhe; kunoo gundoowwan buddeenaa sadii mataa koo irra turan.
GEN 40:17 Gundoo ol aanu irra buddeena gosa garaa garaa kan Faraʼooniif qopheeffametu ture; garuu simbirroonni matuma koo irratti gundoo sana keessaa nyaachaa turan.”
GEN 40:18 Yoosef immoo akkana jedhe; “Hiikkaan isaa kana; gundoowwan sadan sun guyyaa sadii.
GEN 40:19 Guyyaa sadii keessatti Faraʼoon mataa kee ol qaba; mukatti si rarraasa. Simbirroonnis foon kee ni nyaatu.”
GEN 40:20 Guyyaan sadaffaan guyyaa itti Faraʼoon dhalate ture; Faraʼoonis qondaaltota isaatiif cidha qopheesse. Innis itti gaafatamaa dhugaatiitii fi itti gaafatamaa buddeenaa sana fuula qondaaltota isaa duratti dhiʼeesse:
GEN 40:21 Itti gaafatamaa dhugaatii sana hojii isaatti deebise; namichi xoofoo sana ammas harka Faraʼoonitti kenne.
GEN 40:22 Itti gaafatamaa buddeenaa sana garuu akkuma Yoosef abjuu isaanii hiikeefitti rarraase.
GEN 40:23 Taʼus itti gaafatamaan dhugaatii sun Yoosefin ni irraanfate malee isa hin yaadanne.
GEN 41:1 Erga waggaan lama guutuun darbee booddee Faraʼoon abjuu tokko abjoote. Kunoo inni qarqara laga Abbayyaa dhaabachaa ture.
GEN 41:2 Kunoo, saawwan babbareedoo fi gagabbatoon torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼan; isaanis shambaqqoo keessa dheedaa turan.
GEN 41:3 Ammas kunoo, saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon kanneen biraa torba laga Abbayyaa keessaa ol baʼanii saawwan ededa lagaa turan sana bira dhadhaabatan.
GEN 41:4 Saawwan fofokkisoo fi huhuqqatoon sunis saawwan babbareedoo fi gagabbatoo torban sana nyaatan. Faraʼoonis hirribaa dammaqe.
GEN 41:5 Ammas deebiʼee rafee abjuu lammaffaa abjoote; kunoo mataan midhaanii torba misee tolee somaa tokko irratti guddachaa ture.
GEN 41:6 Ergasii immoo kunoo mataan midhaan qaqancaroo hobombolettii baʼaa biiftuutiin gubatanii torba biraa bibbiqilan.
GEN 41:7 Mataan midhaan qaqancaroo sanaas mataa misee tole torban sana lilliqimse; Faraʼoonis hirribaa dammaqe; kunoo wanni sunis abjuu ture.
GEN 41:8 Ganama sana yaadni isaa ni jeeqame; inni nama ergee tolfattootaa fi beektota Gibxi hunda waamsifate. Faraʼoonis abjuu isaa isaanitti hime; garuu namni abjuu sana isaaf hiikuu dandaʼu tokko illee hin argamne.
GEN 41:9 Ergasii itti gaafatamaan dhugaatii sun Faraʼooniin akkana jedhe; “Ani harʼa balleessaa koo yaadadheera.
GEN 41:10 Yeroo tokko Faraʼoon tajaajiltoota isaatti aaree anaa fi itti gaafatamaa buddeenaa sana mana ajajaa waardiyyaa keessatti hidhe.
GEN 41:11 Tokkoon tokkoon keenya halkanuma tokkoon abjuu abjoonne; tokkoon tokkoon abjuu sanaas hiikkaa mataa isaa qaba ture.
GEN 41:12 Ibrichi dargaggeessi tokko nu wajjin achi ture; innis tajaajilaa ajajaa eegumsaa ture. Nu abjuu keenya itti himannaan inni tokkoo tokkoo keenyaaf akkuma abjuu keenyaatti hiikkaa isaa nutti hime.
GEN 41:13 Akkuma inni nuu hiike sana taʼe; ani iddoo kootti nan deebiʼe; namichi kaanis ni fannifame.”
GEN 41:14 Faraʼoonis nama ergee Yoosefin waamsise; boolla hidhaa keessaa baasaniis dafanii isa fidan. Innis haaddatee uffata isaas geeddarratee fuula Faraʼoon duratti dhiʼaate.
GEN 41:15 Faraʼoonis Yoosefiin, “Ani abjuu abjoodheen ture; garuu namni tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenye. Ani akka ati yeroo abjuu dhageessu hiikuu dandeessu dhagaʼeera” jedhe.
GEN 41:16 Yoosef immoo, “Ani hiikuu hin dandaʼu; Waaqni garuu Faraʼooniif deebii nagaa ni kenna” jedhee Faraʼooniif deebise.
GEN 41:17 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Ani abjuu kootiin qarqara laga Abbayyaa irra dhaabachaan ture;
GEN 41:18 Kunoo saawwan gagabbatoo fi babbareedoon torba lagicha keessaa ol baʼanii shambaqqoo keessa dheedaa turan.
GEN 41:19 Isaan duubaan immoo saawwan huhuqqatoo, baayʼee fofokkisoo fi qaqalloon biraa torba ol baʼan; ani takkumaa saawwan fofokkisoo akkanaa guutummaa biyya Gibxi keessatti hin argine.
GEN 41:20 Saawwan huhuqqatoo fi fofokkisoon sun saawwan gagabbatoo duraan ol baʼan torban sana nyaatan.
GEN 41:21 Garuu erga isaan nyaatanii booddee namni tokko illee akka isaan saawwan sana nyaatan beekuu hin dandeenye; isaan akkuma utuu hin nyaatiniin dura turan sana fofokkisoo turaniitii. Anis hirribaa nan dammaqe.
GEN 41:22 “Akkasumas ani abjuu kootiin mataa midhaanii torba kan misee fi gaggaarii somaa tokko irratti guddachaa jiru nan arge.
GEN 41:23 Isaan duubaanis kunoo mataan midhaanii cocoollagaan, qaqallaan kan hobombolettii baʼa biiftuutiin gubate torba ol baʼe.
GEN 41:24 Mataawwan midhaanii qaqalʼaan sun mataa midhaanii gaggaarii torban sana liqimsan; anis waan kana tolchitootatti nan hime; garuu namni tokko iyyuu naa ibsuu hin dandeenye.”
GEN 41:25 Yoosef immoo Faraʼooniin akkana jedhe; “Abjuun Faraʼoon lamaanuu tokkuma. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti mulʼiseera.
GEN 41:26 Saawwan babbareedoon torba waggaa torba; mataawwan midhaanii gaggaarii torbas waggaa torba; abjuun sun tokkuma.
GEN 41:27 Saawwan qaqalloo fi fofokkisoon torban duubaan ol baʼanis waggaa torba; mataawwan midhaanii qaqancaroon hobombolettii baʼa biiftuutiin gubatan torban immoo waggoota beelaa torba.
GEN 41:28 “Wanni kun akkuma ani Faraʼoonitti himee dha. Waaqni waan hojjechuuf jiru Faraʼoonitti argisiiseera.
GEN 41:29 Barri quufaa guddaan isaa torba biyya Gibxi guutuutti ni dhufa;
GEN 41:30 isaan booddeedhaan garuu waggoonni beelaa torba ni dhufu. Quufni biyya Gibxi hundi ni irraanfatama; beelli sunis biyya balleessa.
GEN 41:31 Waan beelli duubaan dhufu sun baayʼee hamaa taʼuuf quufni biyyattii hin yaadatamu.
GEN 41:32 Abjuun kun bifa lamaan Faraʼoonitti kennamuun isaa waan dubbichi Waaqaan murteeffameef dha; Waaqnis waan kana dafee ni raawwata.
GEN 41:33 “Kanaafuu Faraʼoon nama hubataa fi beekaa tokko filatee biyya Gibxi irratti haa muudu.
GEN 41:34 Faraʼoon akka isaan waggoota quufaa torban keessa midhaan biyya Gibxiitii galfamu harka shan keessaa harka tokko walitti qabaniif qondaaltota biyya irratti haa muudu.
GEN 41:35 Isaanis waggoota gaarii dhufuuf jiran kana keessa midhaan hunda walitti haa qaban; akka nyaataaf taʼuufis midhaan kana taayitaa Faraʼoon jalatti magaalaawwan keessatti haa kuusan; haa eeganis.
GEN 41:36 Midhaan kunis akka biyyattiin beelaan hin badneef waggoota beelaa torban Gibxitti dhufuuf jiru keessa akka fayyaduuf biyyattiidhaaf ol haa kaaʼamu.”
GEN 41:37 Dubbichis Faraʼoonii fi qondaaltota isaa hunda biratti gaarii ture.
GEN 41:38 Faraʼoonis, “Nama akka namicha kanaa kan Hafuurri Waaqaa keessa jiru argachuu dandeenyaa ree?” jedhee isaan gaafate.
GEN 41:39 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Erga Waaqni waan kana hunda sitti mulʼise, namni akka kee hubataa fi beekaa taʼe tokko iyyuu hin jiru.
GEN 41:40 Ati masaraa koo irratti itti gaafatamaa taata; sabni koo hundinuus ajaja kee jalatti bula. Ani ulfina teessoo qofaan si caala.”
GEN 41:41 Faraʼoonis Yoosefiin, “Ilaa, ani biyya Gibxi hunda irratti si muudeera” jedhe.
GEN 41:42 Ergasii Faraʼoon qubeelaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoosefitti kaaʼe. Uffata quncee talbaa haphii irraa hojjetame isatti uffise; amartii warqee morma isaatti kaaʼe.
GEN 41:43 Innis gaarii isaa isa lammaffaa irra isa teessise; namoonnis, “Sagadaa!” jechaa fuula isaa dura deemanii iyyaa turan; akkanaan Faraʼoon biyya Gibxi hunda irratti isa muude.
GEN 41:44 Ergasiis Faraʼoon Yoosefiin, “Ani Faraʼoonii dha; garuu ajaja kee malee namni guutummaa Gibxi harka isaa yookaan miilla isaa sochoosu tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
GEN 41:45 Faraʼoonis Yoosefiif maqaa Zaafenaat-Phaneʼaa jedhamu baase; intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni kan Aasenati jedhamtu illee itti heerumsiise. Yoosefis biyya Gibxi hunda keessa naannaʼe.
GEN 41:46 Yoosef yeroo tajaajila Faraʼoon mooticha Gibxi jalqabetti nama waggaa soddomaa ture; innis fuula Faraʼoon duraa baʼee deemee biyya Gibxi hunda keessa nanaannaʼe.
GEN 41:47 Waggoota quufaa torban sana keessa lafti midhaan akka malee baayʼatu kennite.
GEN 41:48 Yoosefis midhaan waggoota torban sana keessa Gibxii galfame hunda walitti qabee magaalaawwan keessatti kuuse. Midhaan lafa qotiisaa naannoo magaalaas tokkoo tokkoo magaalaa sanaa keessatti kuuse.
GEN 41:49 Yoosefis midhaan baayʼinni isaa guddaa akka cirracha galaanaa taʼe kuuse. Waan midhaan sun safaramuu hin dandaʼaminiif inni safaruu dhiise.
GEN 41:50 Yoosef utuu waggoonni beelaa sun hin dhufin dura Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni irraa ilmaan lama dhalche.
GEN 41:51 Yoosefis, “Waaqni rakkina koo hundaa fi mana abbaa koo hunda na irraanfachiiseera” jedhee maqaa ilma isaa hangaftichaa Minaasee jedhee moggaase.
GEN 41:52 “Waaqni biyya ani itti rakkadhe keessatti na baayʼiseera” jedhee ilma isaa isa lammaffaa immoo Efreem jedhee moggaase.
GEN 41:53 Gibxi keessatti waggoonni quufaa torban sun darbee,
GEN 41:54 akkuma Yoosef dubbate sana waggoonni beelaa torba jalqabe. Biyyoota biraa hunda keessa beelatu ture; biyya Gibxi guutuu keessa garuu midhaanitu ture.
GEN 41:55 Yeroo Gibxi guutuun beelaʼuu jalqabetti namoonni midhaan barbaadanii Faraʼoonitti iyyatan; Faraʼoon immoo warra Gibxi hundumaan, “Yoosef bira dhaqaatii waan inni isinitti himu godhaa” jedhe.
GEN 41:56 Beelli guutuummaa biyyattii keessa babalʼannaan Yoosef mankuusaalee hundumaa banee namoota Gibxitti midhaan gurgure; beelli Gibxi hunda keessatti hammaatee tureetii.
GEN 41:57 Waan guutuu addunyaa irratti beelli hammaateef biyyoonni hundinuu Yoosef irraa midhaan bitachuuf gara Gibxi dhufaa turan.
GEN 42:1 Yaaqoob yommuu akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼetti, ilmaan isaatiin, “Isin maaliif wal ilaaltu?” jedhe.
GEN 42:2 Itti fufees, “Kunoo ani akka Gibxi keessa midhaan jiru dhagaʼeera. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf gad buʼaatii achii midhaan nuu bitaa” jedhe.
GEN 42:3 Obboloota Yoosef keessaa kudhan Gibxi keessaa midhaan bituuf gad buʼan.
GEN 42:4 Yaaqoob garuu balaatu isa irra gaʼa jedhee waan sodaateef obboleessa Yoosef Beniyaamin isaan wajjin hin ergine.
GEN 42:5 Beelli biyya Kanaʼaan keessa waan tureef ilmaan Israaʼelis warra midhaan bitachuu dhaqan wajjin deeman.
GEN 42:6 Yoosefis bulchaa biyyattii kan uummata biyyattii hundatti midhaan gurguru ture. Obboloonni Yoosefis yommuu achi gaʼanitti fuula isaaniitiin lafatti gombifamanii sagadaniif.
GEN 42:7 Yoosef akkuma obboloota isaa argeen isaan beeke; garuu akkuma nama isaan hin beekneetti afaan hamaa isaanitti dubbatee, “Isin eessaa dhuftan?” jedhee isaan gaafate. Jarris, “Midhaan bitachuuf jennee Kanaʼaanii dhufne” jedhanii deebisan.
GEN 42:8 Yoo Yoosef obboloota isaa beeke iyyuu jarri isa hin beekne.
GEN 42:9 Innis abjuu waaʼee isaanii abjoote sana yaadatee, “Isin basaastota dadhabbii biyyattii basaasuuf dhuftanii dha!” jedheen.
GEN 42:10 Isaan immoo akkana jedhanii deebisan; “Yaa gooftaa akkas miti; nu garboonni kee midhaan bitachuu dhufne.
GEN 42:11 Nu hundi ilmaan abbaa tokkoo ti; nu garboonni kee namoota amanamoo dha malee basaastota miti.”
GEN 42:12 Innis, “Akkas miti; isin dadhabbii biyyattii basaasuu dhuftan” jedheen.
GEN 42:13 Isaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu garboonni kee obboloota kudha lama, ilmaanuma abbaa tokkoo kan biyya Kanaʼaan jiraatuu ti. Kunoo quxisuun hunda keenyaa amma abbaa keenya bira jira; inni tokko garuu hin jiru.”
GEN 42:14 Yoosef garuu akkana jedheen; “Akkuma ani isiniin jedhe sana isin basaastota!
GEN 42:15 Akki isin ittiin qoramtan kana; ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; yoo obboleessi keessan quxisuun sun as dhufe malee isin asii hin sochootan.
GEN 42:16 Akka inni dhaqee obboleessa keessan fiduuf of keessaa nama tokko ergaa; isin warri haftan immoo mana hidhaatti galfamtu; akkasiinis dubbiin keessan qoratamee akka dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ni ilaalama; yoo kanaa achii, ani maqaa Faraʼooniin nan kakadha; isin dhugumaan basaastota!”
GEN 42:17 Innis hunda isaanii guyyaa sadii mana hidhaa keessa turse.
GEN 42:18 Guyyaa sadaffaatti Yoosef akkana isaaniin jedhe; “Isin waan kana godhaa; ni jiraattu; ani Waaqa nan sodaadhaatii.
GEN 42:19 Isin yoo namoota amanamoo taatan obboloota keessan keessaa tokko as mana hidhaa haa turu; warri kaan garuu deemaa; maatii keessan kanneen beelaʼaniif midhaan geessaa.
GEN 42:20 Garuu obboleessa keessan quxisuu naa fidaa; akkasiin dubbiin keessan ni mirkaneeffama; isinis hin duutan.” Isaanis akkasuma godhan.
GEN 42:21 Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu dhugumaan sababii obboleessa keenyaatiif adabamaa jirra. Yeroo inni nu kadhatetti lubbuun isaa hammam akka dhiphachaa turte argineerra; nu garuu isa dhagaʼuu didne; dhiphinni kun kanaaf nutti dhufe.”
GEN 42:22 Ruubeen immoo, “Ani, ‘Gurbaa kana hin miidhinaa’ jedhee isinitti hin himnee? Isin garuu na dhagaʼuu diddan! Kunoo nu dhiiga isaatti ni gaafatamna” jedhe.
GEN 42:23 Sababii Yoosef karaa nama afaan hiikuutiin isaanitti dubbachaa tureef isaan akka inni waan isaan dubbatan hubatu hin beekne.
GEN 42:24 Yoosef achi isaan irraa garagalee booʼuu jalqabe; ergasii immoo isaanitti garagalee isaanitti dubbate. Simiʼooninis isaan keessaa baasisee fuuluma isaanii duratti hiisise.
GEN 42:25 Yoosef akka qalqalloo isaaniitti midhaan guutaniif, akka meetii tokkoo tokkoo isaanii deebisanii qalqalloo isaanii keessa isaaniif kaaʼanii fi akka karaa isaaniitiif galaa isaaniif kennan ajaje. Erga wanni kun isaaniif godhamee booddee
GEN 42:26 jarri midhaan isaanii harroota isaaniitti feʼatanii qajeelan.
GEN 42:27 Isaan keessaa inni tokko iddoo bulanitti harree isaatiif nyaata kennuuf jedhee qalqalloo isaa bane; kunoo afaan qalqalloo keessattis meetii isaa argate.
GEN 42:28 Innis obboloota isaatiin, “Meetiin koo naa deebiʼeera; kunoo qalqalloo koo keessa jira” jedhe. Kana irratti isaan naʼanii walitti garagalanii hollachaa, “Wanni Waaqni nutti hojjete kun maali?” jedhan.
GEN 42:29 Isaanis gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhufanii waan isaan irra gaʼe hunda isatti himan; akkanas jedhan;
GEN 42:30 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe afaan hamaa nutti dubbatee akka waan nu biyyattii basaasuu dhaqneetti nu lakkaaʼe.
GEN 42:31 Nu garuu akkana jenneen; ‘Nu namoota amanamoo dha malee basaastota miti.
GEN 42:32 Nu obboloota kudha lama ilmaanuma abbaa tokkoo ti; inni tokko hin jiru; quxisuun hunda keenyaa immoo abbaa keenya bira biyya Kanaʼaan jira.’
GEN 42:33 “Namichi gooftaa biyya sanaa taʼe immoo akkana nuun jedhe; ‘Akki ani akka isin namoota amanamoo taatanii fi hin taʼin ittiin beeku kana; obboloota keessan keessaa isa tokko as na biratti dhiisaatii maatii keessan kan beelaʼaniif midhaan geessaa.
GEN 42:34 Garuu akka ani akka isin namoota amanamoo malee basaastota hin taʼin beekuuf obboleessa keessan isa quxisuu sana naa fidaa. Ergasii ani obboleessa keessan deebisee isinii kenna; isinis biyya kana keessatti daldalachuu ni dandeessu.’ ”
GEN 42:35 Yommuu isaan qalqalloo isaanii keessaa midhaan garagalchanitti, kunoo meetiin tokkoo tokkoo isaanii hidhaa hidhaan qalqalloo isaanii keessa ture. Isaanii fi abbaan isaanii yeroo meetii hidhame sana arganitti ni rifatan.
GEN 42:36 Abbaan isaanii Yaaqoobis, “Isin ijoollee koo na dhabsiiftan. Yoosef hin jiru; Simiʼoonis hin jiru. Amma immoo Beniyaamin fudhachuu barbaaddu. Wanni hundi natti hammaateera!” jedheen.
GEN 42:37 Ruubeen immoo abbaa isaatiin, “Yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe ilmaan koo lamaan ajjeesuu ni dandeessa; isa imaanaa natti kenni; ani deebisee isa nan fida” jedhe.
GEN 42:38 Yaaqoob garuu akkana jedhe; “Ilmi koo isin wajjin achi gad hin buʼu; obboleessi isaa duʼeera; isa qofatu hafe. Yoo karaa keessan irratti balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.”
GEN 43:1 Amma illee beelli biyyattiitti baayʼee hammaatee ture.
GEN 43:2 Erga isaan midhaan biyya Gibxiitii fidan sana nyaatanii fixanii booddee abbaan isaanii, “Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa” jedheen.
GEN 43:3 Yihuudaan immoo akkana isaan jedhe; “Namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ jedhee of eeggannoo cimaa nuu kenne.
GEN 43:4 Yoo ati obboleessa keenya nu wajjin ergite nu dhaqnee midhaan siif binna.
GEN 43:5 Sababii namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ nuun jedheef, yoo ati isa ergite malee nu gad hin buunu.”
GEN 43:6 Israaʼel immoo, “Isin maaliif akka obboleessa biraa qabdan namichatti himuudhaan rakkina natti fiddan?” jedhee gaafate.
GEN 43:7 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namichi waaʼee mataa keenyaatii fi waaʼee maatii keenyaa jabeessee nu gaafate. Innis, ‘Abbaan keessan amma iyyuu jiraa? Obboleessa biraa qabduu?’ jedhee nu gaafate; nu gaaffiidhuma isaa deebifneef. Yoos akka inni, ‘Obboleessa keessan as fidaa’ nuun jedhu akkamiin beekuu dandeenya ree?”
GEN 43:8 Yihuudaanis abbaa isaa Israaʼeliin akkana jedhe; “Akka nu, atii fi ijoolleen keenya duʼa jalaa baanee jiraannuuf gurbicha na wajjin ergi; nu kaanee deemnaatii.
GEN 43:9 Ani wabii isaafin taʼa; waaʼee isaas anuma mataa koo gaafachuu ni dandeessa. Yoo ani deebisee isa siif fidee fuula kee dura dhaabuu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula kee duratti balleessaa kanatti nan gaafatama.
GEN 43:10 Utuu turuu baannee silaa yoona yeroo lama dhaqnee deebineerra ture.”
GEN 43:11 Kana irratti abbaan isaanii Israaʼel akkana isaaniin jedhe; “Erga akkas taʼee waan kana godhaa; oomisha biyya kanaa filatamaa keessaa kennaa tokko tokko jechuunis haphee dibatan xinnoo ishee, damma xinnaa isaa, urgooftuu fi qumbii xinnoo ishee, ocholoonii fi lawuzii xinnoo ishee geessaatii namichaaf kennaa.
GEN 43:12 Isin waan meetii afaan qalqalloo keessanii keessa kaaʼamee isinii deebiʼe sana deebisuu qabdaniif meetii sana harka lama fudhadhaatii deemaa; meetiin sun dogoggoraan dhufe taʼaatii.
GEN 43:13 Obboleessa keessanis fudhadhaatii dafaa gara namichaatti deebiʼaa.
GEN 43:14 Akka inni obboleessa keessan kaanii fi Beniyaam illee isin wajjin deebisee erguuf Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akka namichi garaa isinii laafu haa godhu. Ani yoo ijoollee dhabe illee ijoollee nan dhaba.”
GEN 43:15 Namoonni sunis kennaawwan sana, meetii sana harka lamaa fi Beniyaaminis fudhatanii ariitiidhaan Gibxitti gad buʼanii fuula Yoosef dura dhadhaabatan.
GEN 43:16 Yoosefis yommuu Beniyaamin isaan biratti argetti hangafa hojjettoota mana isaatiin, “Namoota kana mana kootti geessi; horii tokko qalii nyaata qopheessi; isaan saʼaatii jaʼatti na wajjin nyaatuutii” jedhe.
GEN 43:17 Namichi sunis akkuma Yoosef isa ajaje godhe; jara sanas mana Yoosefitti geesse.
GEN 43:18 Namoonni sun yeroo mana Yoosefitti geeffamanitti sodaatanii akkana jedhan; “Nu sababii meetii yeroo jalqabaa deebiʼee afaan qalqalloo keenyaa keessatti argame sanaatiif as fidamne; inni nu rukutee, nu moʼatee, akka garbootaatti nu qabatee harroota keenya fudhachuu barbaada.”
GEN 43:19 Kanaafuu jarri gara hangafa hojjettoota Yoosefitti ol baʼanii balbala manaa duratti itti dubbatan.
GEN 43:20 Akkanas jedhan; “Yaa gooftaa, nu yeroo jalqabaa midhaan bitachuuf as gad buunee turre.
GEN 43:21 Nus yeroo iddoo bullu geenyee qalqalloo keenya bannetti tokkoon tokkoon keenya afaan qalqalloo keenyaa keessatti meetii keenya akkuma jirutti arganne. Kanaafuu meetii sana deebifnee fidnee dhufneerra.
GEN 43:22 Meetii biraas ittiin midhaan bitachuuf fidnee dhufneerra. Eenyu akka meetii keenya qalqalloo keenya keessa nuu kaaʼes hin beeknu.”
GEN 43:23 Innis deebisee, “Homaa miti; hin sodaatinaa. Waaqni keessan, Waaqni abbaa keessanii qalqalloo keessanitti badhaadhummaa isinii naqeera; meetiin keessan na gaʼee jira” jedheen. Ergasiis Simiʼoonin gara isaaniitti gad baase.
GEN 43:24 Hangafni hojjettootaa sunis jara sana mana Yoosefitti geessee akka isaan miilla isaanii dhiqataniif bishaan kenneef; harroota isaaniitiif immoo okaa kenne.
GEN 43:25 Isaanis achitti akka nyaatan waan dhagaʼaniif dhufaatii Yoosef kan saʼaatii jaʼaatiif kennaa isaanii qopheeffatan.
GEN 43:26 Yeroo Yoosef manatti galetti isaan kennaa manatti ol galchanii turan sana kennaniif; fuula isaa durattis lafatti gombifamanii harka fuudhan.
GEN 43:27 Innis nagaa isaan gaafatee, “Abbaan keessan jaarsi isin waaʼee isaa natti himtan sun akkam? Inni amma iyyuu jiraa?” jedheen.
GEN 43:28 Jarris, “Tajaajilaan kee abbaan keenya amma iyyuu ni jira; nagumas” jedhanii deebisan. Ulfina isaaf kennuufis gad jedhan.
GEN 43:29 Innis ol ilaalee obboleessa isaa, ilma haadha isaa Beniyaamin argee, “Inni kun obboleessa keessan quxisuu isin waaʼee isaa natti himtan sanaa?” jedhee gaafate. Itti fufees, “Ilma ko, Waaqni si haa eebbisu” jedheen.
GEN 43:30 Yoosef yommuu obboleessa isaa argetti garaan raafamee dafee gad baʼe; booʼuu barbaadees kutaa mana isaa seenee achitti booʼe.
GEN 43:31 Ergasiis fuula isaa dhiqatee gad baʼe; of jajjabeessees, “Nyaanni haa dhiʼaatu” jedhe.
GEN 43:32 Jarris sababii warri Gibxi Ibroota wajjin hin nyaanneef Yoosefiif kophaatti, obboloota isaatiif kophaatti, warra Gibxi kanneen isa wajjin nyaataniifis kophaatti dhiʼeessan; Ibroota wajjin nyaachuun warra Gibxi biratti jibbisiisaa tureetii.
GEN 43:33 Namoonni sunis akkuma umurii isaaniitti hangafaa jalqabanii hamma quxisuutti fuula isaa dura tataaʼanii dinqifatanii wal ilaalan.
GEN 43:34 Maaddii Yoosef irraas nyaanni qoodameef; qoodni Beniyaam garuu qooda tokko tokko isaaniitiif kenname dachaa shan taʼa ture. Jarris akkasiin Yoosef wajjin dhuganii itti hoʼe.
GEN 44:1 Yoosefis akkana jedhee hangafa hojjettoota mana isaa ajaje; “Qalqalloo jara kanaa hamma baachuu dandaʼutti midhaan itti guuti; meetii tokkoo tokkoo isaaniis afaan qalqalloo isaanii keessa kaaʼi.
GEN 44:2 Xoofoo koo isa meetii irraa hojjetame immoo meetii inni ittiin midhaan bitachuu dhufe wajjin afaan qalqalloo isa quxisuu sanaa keessa kaaʼi.” Namichis akkuma Yoosef isa ajaje godhe.
GEN 44:3 Namoonni sun akkuma lafti bariiteen harroota isaanii wajjin geggeeffaman.
GEN 44:4 Utuma isaan magaalaa sana irraa hin fagaatin Yoosef hangafa hojjettoota isaatiin akkana jedhe; “Dafii jara kana duukaa buʼi; yommuu qaqqabdutti immoo akkana jedhiin; ‘Isin maaliif waan gaarii waan hamaadhaan deebiftu?
GEN 44:5 Xoofoon kun xoofoo gooftaan koo ittiin dhuguu fi ittiin waa himu mitii? Isin waan kana gochuudhaan waan hamaa hojjettan.’ ”
GEN 44:6 Innis yommuu isaan qaqqabetti waanuma kana isaanitti dubbate.
GEN 44:7 Jarris akkana isaan jedhan; “Gooftaan koo maaliif dubbii akkanaa dubbata? Waan akkanaa hojjechuun tajaajiltoota kee irraa haa fagaatu!
GEN 44:8 Kunoo nu meetii afaan qalqalloo keenyaa keessatti arganne iyyuu biyya Kanaʼaaniitii deebifnee siif fidne. Yoos nu maaliif mana gooftaa keetiitii meetii yookaan warqee hanna ree?
GEN 44:9 Tajaajiltoota kee keessaa namni wanni kun biratti argame kam iyyuu haa duʼu; nu warri hafne immoo garboota gooftaa koo ni taana.”
GEN 44:10 Inni immoo jaraan, “Amma akkuma isin jettan haa taʼu; abbaan wanti kun biratti argame garbicha naaf taʼa; isin warri kaan immoo gad dhiifamtu” jedhe.
GEN 44:11 Tokkoon tokkoon isaanii dafanii qalqalloo isaanii lafa keeyyatanii hiikan.
GEN 44:12 Hangafni hojjettootaa sunis hangafaa jalqabee hamma quxisuutti sakattaʼe. Xoofoon sunis qalqalloo Beniyaam keessatti argame.
GEN 44:13 Kana irratti isaan uffata isaanii tarsaasan. Hundi isaanii harroota isaanii feʼatanii magaalattiitti deebiʼan.
GEN 44:14 Yoosef yeroo Yihuudaa fi obboloonni isaa ol seenanitti amma iyyuu mana keessa ture; isaanis fuula isaa duratti kukkufan.
GEN 44:15 Yoosefis, “Wanti isin hojjettan kun maal? Akka namni akka kootii hooda himuudhaan waa arguu dandaʼu isin hin beektanii?” isaaniin jedheen.
GEN 44:16 Yihuudaan immoo akkana jedhee deebise; “Nu gooftaa kootiin maal jechuu dandeenya? Nu maal dubbachuu dandeenya? Nu qulqulluu taʼuu keenya akkamiin mirkaneessuu dandeenya? Waaqni balleessaa garboota keetii ifatti baaseera. Kunoo nu garboota gooftaa koo ti; nu hundi keenya, namni xoofoon sun biratti argames garboota kee ti.”
GEN 44:17 Yoosef garuu, “Waan akkanaa hojjechuun narraa haa fagaatu! Nama xoofoon biratti argame qofatu garbicha koo taʼa. Warri haftan garuu nagaadhaan gara abbaa keessaniitti deebiʼaa” jedhe.
GEN 44:18 Yihuudaan immoo Yoosefitti dhiʼaatee akkana jedhe: “Maaloo gooftaa ko, akka garbichi kee waan tokko gooftaa kootti dubbatu eeyyamiif. Ati akkuma Faraʼoon taatus garbicha keetti hin aarin.
GEN 44:19 Gooftaan koo, ‘Isin abbaa yookaan obboleessa qabduu?’ jedhee garboota isaa gaafatee ture.
GEN 44:20 Nus, ‘Abbaa dulloomaa tokko qabna; ilmi quxisuun bara dulluma isaa keessa isaaf dhalate tokkos jira. Obboleessi isaas duʼeera; ijoollee haati isaa deesse keessaa isa qofatu hafe; abbaan isaa isa jaallata’ jennee turre.
GEN 44:21 “Atis garboota keetiin, ‘Akka ani ija kootiin isa arguuf naa fidaa’ jette.
GEN 44:22 Nus gooftaa kootiin, ‘Mucichi abbaa isaa dhiisee deemuu hin dandaʼu; yoo inni isa dhiisee biraa deeme abbaan isaa ni duʼa’ jenne.
GEN 44:23 Ati immoo garboota keetiin, ‘Yoo obboleessi keessan inni quxisuun isin wajjin dhufuu baate, isin lammata fuula koo hin argitan’ jette.
GEN 44:24 Nus yeroo gara garbicha kee abbaa kootti deebinetti waan gooftaan koo jedhe isatti himne.
GEN 44:25 “Abbaan keenya, ‘Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa’ nuun jedhe.
GEN 44:26 Nu garuu, ‘Nu dhaquu hin dandeenyu; yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin jiraate qofa dhaqna. Yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin dhaquu baate nu fuula namichaa arguu hin dandeenyu’ jenne.
GEN 44:27 “Abbaan koo garbichi kee immoo akkana nuun jedhe; ‘Akka niitiin koo ilmaan lama naa deesse isin ni beektu.
GEN 44:28 Isaan keessaas inni tokko na biraa baʼe; anis, “Inni dhugumaan ciccirameera” nan jedhe. Ani ergasii isa hin argine.
GEN 44:29 Yoo isin isa kanas na duraa fuutanii balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.’
GEN 44:30 “Kanaafuu amma yeroo ani gara garbicha kee abbaa kootti deebiʼutti, yoo mucichi nu wajjin jiraachuu baate abbaan koo kan jireenyi isaa jireenya mucichaatiin walitti hidhame sun,
GEN 44:31 akka mucichi nu wajjin hin jirre argee duʼa. Nu garboonni kees akka arriin abbaa keenya garbicha keetii gaddaan awwaala seenu goona.
GEN 44:32 Ani garbichi kee akka mucaan kun nagaadhaan deebiʼu abbaa koo duratti wabii taʼee, ‘Yaa abbaa ko, yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula abbaa koo duratti balleessaa kanatti nan gaafatama!’ jedhe.
GEN 44:33 “Egaa amma ani garbichi kee iddoo mucichaa garbicha gooftaa koo taʼee asitti nan hafa; mucichi immoo obboloota isaa wajjin haa deebiʼu.
GEN 44:34 Yoo mucichi na wajjin hin jiraatin ani akkamittin gara abbaa kootii deebiʼuu dandaʼa? Waawuu; akka ani gadda abbaa kootti dhufu argu na hin godhin.”
GEN 45:1 Kana irratti Yoosef namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, “Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!” jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yoosef obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre.
GEN 45:2 Sababii inni guddisee booʼeef warri Gibxi ni dhagaʼan; warra masaraa Faraʼoon birattis ni dhagaʼame.
GEN 45:3 Yoosefis obboloota isaatiin, “Ani Yoosef; abbaan koo amma iyyuu jiraa?” jedhee gaafate. Obboloonni isaa garuu sababii fuula isaa duratti naʼanii turaniif deebii isaaf kennuu hin dandeenye.
GEN 45:4 Yoosefis obboloota isaatiin, “Mee as natti dhiʼaadhaa” jedhe. Isaan isatti dhiʼaannaan inni akkana jedhe; “Ani Yoosef obboleessa keessan isa isin Gibxitti gurgurtan sanaa dha!
GEN 45:5 Ammas sababii asitti na gurgurtaniif hin gaabbinaa; ofittis hin aarinaa. Waaqni lubbuu baraaruuf jedhee isin dura na ergeeraatii.
GEN 45:6 Waggoota lamaan kana beelatu biyyattii keessa ture; waggoota shanan dhufan keessas lafa qotachuu fi midhaan galfachuun hin jiru.
GEN 45:7 Waaqni lafa irratti sanyii isiniif hambisuu fi furii guddaadhaan lubbuu keessan oolchuuf jedhee isin dura na erge.
GEN 45:8 “Waaqatu as na erge malee isin miti. Inni Faraʼooniif abbaa na godhe; warra mana isaa jiran hunda irratti gooftaa, biyya Gibxi hunda irratti immoo bulchaa na godhe.
GEN 45:9 Ammas dafaa gara abbaa kootti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa; ‘Ilmi kee Yoosef akkana jedha: Waaqni Gibxi hunda irratti gooftaa na godheera. Gara kootti gad buʼi; hin turinis.
GEN 45:10 Ati biyya Gooshen keessa ni jiraatta; ati, ijoolleen keetii fi ijoolleen ijoollee keetii, bushaayeen kee, loon keetii fi wanni ati qabdu hundi natti dhiʼaattanii jiraatu.
GEN 45:11 Sababii amma iyyuu waggaan beelaa shan dhufaa jiruuf ani achitti sin soora; yoo kanaa achii atii fi warri mana kee jiraatan, wanni ati qabdu hundinuus ni rakkattu.’
GEN 45:12 “Akka namni isinitti dubbachaa jiru kun anuma taʼe kunoo, iji keessan, iji obboleessa koo Beniyaamis ni arga.
GEN 45:13 Ulfina Gibxi keessatti naa kenname hundaa fi waan argitan hunda abbaa kootti himaa. Abbaa koos dafaatii as fidaa.”
GEN 45:14 Ergasiis morma obboleessa isaa Beniyaamitti marmee booʼe; Beniyaamis booʼaa isa hammate.
GEN 45:15 Yoosefis obboloota isaa hunda dhungatee itti booʼe. Ergasii obboloonni isaa isa wajjin haasaʼan.
GEN 45:16 Yommuu akka obboloonni Yoosef dhufan masaraa Faraʼoonitti dhagaʼametti, Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa ni gammadan.
GEN 45:17 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Obboloota keetiin akkana jedhi; ‘Waan kana godhaa: Horii keessan feʼadhaa biyya Kanaʼaaniitti deebiʼaatii
GEN 45:18 abbaan keessanii fi maatiiwwan keessan natti fidaa. Ani lafa biyya Gibxi keessaa lafa hunda caalu isiniif nan kenna. Isin cooma biyyattii ni nyaattu.’
GEN 45:19 “Akkasumas akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waan kana godhaa: Ijoollee keessaniifis, niitota keessaniifis biyya Gibxiitii gaariiwwan fudhadhaa; abbaa keessanis fidaatii kottaa.
GEN 45:20 Waaʼee qabeenya keessanii hin yaaddaʼinaa; wanni biyya Gibxi guutuu keessaa waan hunda caalu kan keessan taʼaatii.’ ”
GEN 45:21 Ilmaan Israaʼelis akkasuma godhan. Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti gaariiwwan kenneefii karaa isaaniitiif illee galaa galaaseef.
GEN 45:22 Tokkoo tokkoo isaaniitiif wayyaa kenne; Beniyaamiif garuu meetii saqilii dhibba sadiitii fi wayyaa irraa jalaa shan kenne.
GEN 45:23 Abbaa isaatiif immoo harroota, wanni biyya Gibxi gaggaariin itti feʼame kudhan, akkasumas harroota dhaltuu midhaan, buddeenaa fi galaan biraa karaa isaatiif itti feʼame kudhan erge.
GEN 45:24 Innis akkasitti obboloota isaa erge; innis yeroo isaan qajeelanitti, “Karaatti wal hin lolinaa!” jedheen.
GEN 45:25 Isaanis Gibxi keessaa ol baʼanii gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaqoob bira dhaqan.
GEN 45:26 Isaanis, “Yoosef amma iyyuu jira! Biyya Gibxi guutuu iyyuu isumatu bulcha” jedhaniin. Yaaqoob immoo naasuudhaan of wallaale; jara amanuus hin dandeenya.
GEN 45:27 Garuu yeroo jarri waan Yoosef isaaniin jedhe hunda isatti himanii innis gaariiwwan Yoosef isa fichisiisuuf ergeef sana argetti lubbuun abbaa isaanii Yaaqoob ni bayyanatte.
GEN 45:28 Israaʼelis, “Na gaʼa! Ilmi koo Yoosef amma iyyuu jira. Anis utuun hin duʼin dhaqee isa nan arga” jedhe.
GEN 46:1 Israaʼel waan qabu hunda fudhatee kaʼe; yeroo Bersheebaa gaʼettis Waaqa abbaa isaa Waaqa Yisihaaqiifis aarsaa dhiʼeesse.
GEN 46:2 Waaqnis halkan mulʼataan, “Yaaqoob! Yaaqoob!” jedhee Israaʼelitti dubbate. Innis, “Kunoo ani as jira” jedhee deebise.
GEN 46:3 Waaqnis akkana jedhe; “Ani Waaqayyo, Waaqa abbaa keetii ti. Gibxitti gad buʼuu hin sodaatin; ani achitti saba guddaa sin taasisaatii.
GEN 46:4 Ani si wajjin Gibxitti gad buʼee deebisee sin fida. Harkuma Yooseftu ija kee walitti siif qaba.”
GEN 46:5 Yaaqoobis Bersheebaadhaa kaʼee qajeele; ilmaan Israaʼelis abbaa isaanii Yaaqoob, ijoollee isaaniitii fi niitota isaanii gaariiwwan Yaaqoobin baachuuf Faraʼoon erge sana irra teessisan.
GEN 46:6 Yaaqoobii fi sanyiin isaa hundis horii isaaniitii fi qabeenya Kanaʼaanitti horatan of faana fudhatanii Gibxitti godaanan.
GEN 46:7 Innis sanyii isaa hunda jechuunis ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intallan isaatii fi intallan ilmaan isaa fudhatee Gibxitti godaane.
GEN 46:8 Maqaawwan ilmaan Israaʼel warra Gibxitti godaanan sanaa jechuunis Yaaqoobii fi sanyiiwwan isaa kanneenii dha: Ruubeen jechuunis ilma Yaaqoob hangafticha.
GEN 46:9 Ilmaan Ruubeen: Henook, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii.
GEN 46:10 Ilmaan Simiʼoon: Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zooharii fi Shaawul ilma dubartii Kanaʼaan sanaa.
GEN 46:11 Ilmaan Lewwii: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
GEN 46:12 Ilmaan Yihuudaa: Eeri, Oonaan, Sheelaa, Faaresii fi Zaaraa. Eerii fi Oonaan garuu biyya Kanaʼaanitti duʼan. Ilmaan Faares: Hezroonii fi Hamuul.
GEN 46:13 Ilmaan Yisaakor: Toolaa, Fuwaa, Yoobii fi Shimroon.
GEN 46:14 Ilmaan Zebuuloon: Sered, Eeloonii fi Yahiliʼeel.
GEN 46:15 Isaan kunneen intala isaa Diinaa dabalatee ilmaan Liyaan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti Yaaqoobiif deessee dha. Ilmaanii fi intallan isaa kunneen walumaa galatti soddomii sadii turan.
GEN 46:16 Ilmaan Gaad: Ziifiyon, Hagii, Shuunii, Esboon, Eerii, Aroodii fi Ariʼeel.
GEN 46:17 Ilmaan Aasheer: Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaaniis Seraa dha. Ilmaan Beriiyaa: Hebeerii fi Malkiiʼeel.
GEN 46:18 Isaan kunneen ijoollee Ziifaan Yaaqoobiif deessee dha. Ziifaan ishee Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne sanaa dha. Isaan walumaa galatti kudha jaʼa turan.
GEN 46:19 Ilmaan Raahel niitii Yaaqoob: Yoosefii fi Beniyaam.
GEN 46:20 Minaasee fi Efreem, Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni sanaa irraa Gibxi keessatti Yoosefiif dhalatan.
GEN 46:21 Ilmaan Beniyaam: Belaa, Beker, Ashbeel, Geeraa, Naʼamaan, Eehii, Roosh, Muufiim, Hufiimii fi Ardi.
GEN 46:22 Isaan kunneen ilmaan Raahel Yaaqoobiif deessee dha; isaanis walumaa galatti nama kudha afur turan.
GEN 46:23 Ilmi Daan: Hushiimii dha.
GEN 46:24 Ilmaan Niftaalem: Yahizeel, Guunii, Yeexerii fi Shiileem.
GEN 46:25 Isaan kunneen ilmaan Bilihaan Yaaqoobiif deessee dha; Bilihaan ishee Laabaan intala isaa Raaheliif kenne sanaa dha; isaan walumaa galatti nama torba turan.
GEN 46:26 Namoonni Yaaqoob wajjin Gibxitti godaanan utuu niitota ilmaan isaa hin dabalatin sanyiin isaa walumaa galatti jaatamii jaʼa turan.
GEN 46:27 Ilmaan Gibxitti Yoosefiif dhalatan lamaan dabalatee miseensonni maatii Yaaqoob warri Gibxitti godaanan walumaa galatti torbaatama turan.
GEN 46:28 Yaaqoobis akka inni dhaqee karaa Gooshenitti nama geessu gaafatuuf Yihuudaa of dura gara Yoosefitti erge. Yommuu isaan Gooshen gaʼanitti,
GEN 46:29 Yoosef gaarii isaa qopheeffatee abbaa isaa Israaʼel simachuuf Gooshenitti qajeele. Innis akkuma fuula isaa duratti mulʼateen morma isaatti marmee yeroo dheeraa booʼe.
GEN 46:30 Israaʼelis Yoosefiin, “Ani sababii akka ati amma iyyuu lubbuun jirtu ofii kootiin argeef siʼachi duʼu illee hin gaabbu” jedhe.
GEN 46:31 Yoosefis obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiraataniin akkana jedhe; “Ani ol baʼee Faraʼoonitti nan dubbadha; akkanas nan jedhaan; ‘Obboloonni koo fi warri mana abbaa koo jiraatan kanneen biyya Kanaʼaan jiraachaa turan natti dhufaniiru.
GEN 46:32 Namoonni kunneen tiksoota; isaan loon tikfatuutii. Isaan bushaayee isaanii, loonii fi waan qaban hunda fudhatanii dhufan.’
GEN 46:33 Yoo Faraʼoon ofitti isin waamee, ‘Hojiin keessan maal?’ jedhee isin gaafate,
GEN 46:34 ‘Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti horii tikfachaa turre’ jedhaa deebisaa. Yoos inni sababii tiksoonni hundinuu warra Gibxi biratti jibbamaniif akka isin biyya Gooshen keessa jiraattan isinii eeyyamaa.”
GEN 47:1 Yoosefis gara Faraʼoon dhaqee, “Abbaan kootii fi obboloonni koo bushaayee isaanii, loon isaaniitii fi waan qaban hunda fudhatanii biyya Kanaʼaan dhufanii kunoo biyya Gooshen jiru” jedhee itti hime.
GEN 47:2 Innis obboloota isaa keessaa nama shan filatee Faraʼoonitti dhiʼeesse.
GEN 47:3 Faraʼoonis, “Hojiin keessan maali?” jedhee obboloota Yoosef gaafate. Isaanis, “Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa tiksoota” jedhanii deebisaniif.
GEN 47:4 Akkanas jedhaniin; “Sababii beelli biyya Kanaʼaanitti cimee bushaayeen garboota keetii waan dheedan dhabaniif nu yeroo gabaabaa as jiraachuu dhufne. Akka nu garboonni kee biyya Gooshen keessa jiraannuuf maaloo nuu eeyyami.”
GEN 47:5 Faraʼoonis Yoosefiin akkana jedhe; “Abbaan keetii fi obboloonni kee siif dhufaniiru;
GEN 47:6 lafti Gibxi fuuluma kee dura jira; abbaa keetii fi obboloota kee iddoo lafa hundumaa caalu irra qubachiisi. Isaan biyya Gooshen keessa haa jiraatan. Ati yoo namoota isaan keessaa dandeettii qaban beekte loon koo irratti itti gaafatamtoota isaan godhi.”
GEN 47:7 Ergasii Yoosef abbaa isaa Yaaqoobin fidee fuula Faraʼoon duratti dhiʼeesse. Erga Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee booddee,
GEN 47:8 Faraʼoon, “Umuriin kee hammam?” jedhee isa gaafate.
GEN 47:9 Yaaqoobis Faraʼooniin akkana jedhe; “Barri ani keessummummaan jiraadhe waggaa dhibbaa tokkoo fi soddoma. Baroonni koos muraasa; hamaadhas; innis bara abbootiin koo keessummummaan jiraatan sanaan wal qixxee miti.”
GEN 47:10 Kana booddee, Yaaqoob Faraʼoonin eebbisee fuula isaa duraa gad baʼe.
GEN 47:11 Yoosefis akkuma Faraʼoon isa ajajetti abbaa isaatii fi obboloota isaa Gibxi keessa qubachiise; lafa lafa hunda caalu, aanaa Raamsee handhuuraa godhee isaanii kenne.
GEN 47:12 Akkasumas Yoosef abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne.
GEN 47:13 Waan beelli akka malee cimeef biyyattii guutuu keessa wanni nyaatamu hin jiru ture; sababii beela sanaatiinis Gibxii fi Kanaʼaan akka malee miidhaman.
GEN 47:14 Yoosefis kaffaltii midhaan namoonni bitachaa turan sanaa maallaqa biyya Gibxii fi Kanaʼaan keessatti argamu hunda walitti qabee masaraa Faraʼoonitti galche.
GEN 47:15 Maallaqni warra Gibxii fi warra Kanaʼaan dhumnaan warri Gibxi hundi gara Yoosef dhufanii, “Midhaan nuu kenni. Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Maallaqni keenya dhumeera” jedhan.
GEN 47:16 Yoosef immoo, “Erga maallaqni keessan dhumee horii keessan fidaa; qooda horii keessanii ani midhaan isiniif nan kenna” jedhe.
GEN 47:17 Isaanis horii isaanii Yoosefitti fidan; Yoosefis qooda fardeen isaanii, qooda bushaayee isaanii, qooda loowwan isaaniitii fi qooda harroota isaanii midhaan kenneef. Innis bara sana geeddaraa horii isaanii hundaa midhaan isaan soore.
GEN 47:18 Waggaan sun dhumnaan jarri waggaa itti aanutti gara isaa dhufanii akkana jedhan; “Erga maallaqni keenya dhumee horiin keenya kan kee taʼee as, yaa gooftaa keenya akka dhagna keenyaa fi lafa keenya malee wanni tokko iyyuu nuuf hin hafin nu gooftaa keenya jalaa hin dhoksinu.
GEN 47:19 Nu maaliif fuula kee duratti duuna? Nuu fi lafti keenyas maaliif badna? Nuu fi lafa keenya fudhadhuutii qooda isaa midhaan nuuf kenni. Nu lafa keenya wajjin Faraʼooniif ni garboomna. Akka nu duʼa jalaa baanee jiraannuuf, akka laftis duwwaa hin hafneef sanyii nuuf kenni.”
GEN 47:20 Yoosefis lafa biyya Gibxi hundumaa Faraʼooniif bite. Warri Gibxi hundi waan beelli isaanitti cimeef lafa isaanii gurguran; laftis kan Faraʼoon taʼe;
GEN 47:21 Yoosefis daangaa biyya Gibxi tokko irraa hamma daangaa kaaniitti saba garbummaa jala galche.
GEN 47:22 Lafti inni hin bitin lafa lubootaa qofa ture; kunis sababii isaan Faraʼoon irraa qooda argatanii fi sababii qooda Faraʼoon isaaniif kennu sanaan jiraataniif. Kanaafuu isaan lafa isaanii hin gurgurre.
GEN 47:23 Yoosefis saba sanaan akkana jedhe; “Kunoo ani harʼa isinii fi lafa keessan Faraʼooniif biteera. Kunoo lafatti sanyii facaafadhaa.
GEN 47:24 Yommuu midhaan galfamutti harka shan keessaa harka tokko Faraʼooniif ni kennitu. Harka afran hafe immoo sanyii facaafattan, nyaata ofii keessanii, nyaata warra mana keessan jiraataniitii fi nyaata ijoollee keessanii godhattu.”
GEN 47:25 Jarris, “Ati duʼa nu oolchiteerta; nu fuula gooftaa keenyaa duratti fudhatama haa argannuu malee Faraʼooniif garboota ni taana” jedhan.
GEN 47:26 Yoosefis akkasiin akka harka shan keessaa harki tokko kan Faraʼoon taʼuuf Gibxi keessatti seera lafaa dhaabe; seerri sun hamma harʼaatti illee ittiin hojjetamaa jira. Lafa lubootaa qofattu utuu kan Faraʼoon hin taʼin hafe.
GEN 47:27 Israaʼeloonnis Gibxi keessa kutaa biyya Gooshen keessa qubatan. Achittis qabeenya argatan; horaniis guddaa baayʼatan.
GEN 47:28 Yaaqoob waggaa kudha torba biyya Gibxi keessa jiraate; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo afurtamii torba ture.
GEN 47:29 Israaʼelis yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Yoosefin ofitti waamee akkana jedheen; “Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhe, mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼiitii akka gaarummaa na argisiiftuu fi akka naaf amanamtu waadaa naaf seeni. Gibxitti na hin awwaalin;
GEN 47:30 yeroo ani abbootii koo wajjin boqodhutti biyya Gibxii na baasii iddoo isaan itti awwaalamanitti na awwaali.” Innis, “Akkuma ati jette nan godha” jedhe.
GEN 47:31 Israaʼelis, “Naa kakadhu” jedheen. Yoosefis ni kakateef. Israaʼel immoo mataa ulee isaatti irkatee sagade.
GEN 48:1 Yeroo muraasa booddee, “Kunoo, abbaan kee dhukkubsateera” jedhanii Yoosefitti himan. Innis ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemin fudhatee dhaqe.
GEN 48:2 Yaaqoob yeroo, “Ilmi kee Yoosef gara kee dhufeera” jedhanii itti himanitti, Israaʼel of jajjabeessee kaʼee siree irra taaʼe.
GEN 48:3 Yaaqoobis Yoosefiin akkana jedhe; “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu biyya Kanaʼaan keessatti Luuzitti natti mulʼatee achitti na eebbise;
GEN 48:4 akkanas naan jedhe; ‘Ani akka ati hortuu fi akka ati baayʼattu nan godha. Tuuta sabaa sin godha; ani biyya kana dhaala bara baraa godhee sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna.’
GEN 48:5 “Egaa amma ilmaan kee lamaan warri utuu ani as gara kee hin dhufin dura Gibxitti siif dhalatan sun akkuma ilmaan kootti ilaalamu; akkuma Ruubeenii fi Simiʼoon kan koo taʼan sana Efreemii fi Minaaseenis kanuma koo taʼu.
GEN 48:6 Ijoolleen isaan booddeen siif dhalatan kan kee taʼu. Dhaala qoodachuu keessatti immoo maqaa obboloota isaanii jalatti lakkaaʼamu.
GEN 48:7 Yeroo ani kaaba dhiʼa Phaadaaniitii deebiʼaa turetti utuma Efraataa gaʼuuf xinnuma nuu hafee jiruu Raahel biyya Kanaʼaan keessatti na jalaa duunaan achumatti karaa Efraataa dhaqu biratti awwaalladhe.” Efraataan kunis Beetlihemii dha.
GEN 48:8 Israaʼel yeroo ilmaan Yoosef argetti, “Isaan kunneen eenyu?” jedhee gaafate.
GEN 48:9 Yoosef immoo abbaa isaatiin, “Isaan kunneen ilmaan biyya kanatti Waaqni naaf kennee dha” jedhe. Kana irratti Israaʼel, “Akka ani isaan eebbisuuf natti fidi” jedhe.
GEN 48:10 Yeroo kanatti Israaʼel dulloomee iji isaa dadhabee ture; innis waa hubachuu hin dandaʼu ture. Kanaafuu Yoosef ilmaan isaa Israaʼelitti dhiʼeesse; Israaʼelis isaan dhungate; isaan hammates.
GEN 48:11 Israaʼelis Yoosefiin, “Ani fuuluma kee iyyuu nan arga jedhee hin yaadne; Waaqni garuu akka ani ijoollee kee iyyuu argu naa eeyyame” jedhe.
GEN 48:12 Yoosefis jilba Israaʼel irraa achi isaan butee fuula isaatiin lafatti gad gombifame.
GEN 48:13 Innis ergasii lamaan isaanii iyyuu fuudhee Efreemin karaa mirga isaatiin gara harka Israaʼel isa bitaatti, Minaasee immoo bitaa isaatiin gara harka Israaʼel isa mirgaatti fidee isatti dhiʼeesse.
GEN 48:14 Israaʼel garuu utuma Efreem quxisuu taʼee jiruu harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe; Minaaseen immoo utuma hangafa taʼee jiruu Israaʼel harka isaa wal qaxxaamursee harka isaa bitaa mataa Minaasee irra kaaʼe.
GEN 48:15 Innis akkana jedhee Yoosefin eebbise; “Waaqni inni abbootiin koo Abrahaamii fi Yisihaaq fuula isaa dura jiraatan, Waaqni inni bara jireenya koo guutuu hamma harʼaatti tiksee koo ture sun,
GEN 48:16 Ergamaan Waaqayyoo kan balaa hunda jalaa na baase sun ilmaan kanneen haa eebbisu. Isaan maqaa kootiin, maqaa abbootii koo Abrahaamii fi Yisihaaqiin haa waamaman; isaan lafa irratti guddaa haa baayʼatan.”
GEN 48:17 Yoosef yommuu akka abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe argetti ni gadde; kanaafuu inni harka abbaa isaa mataa Efreem irraa fuudhee mataa Minaasee irra kaaʼuuf jedhee kaase.
GEN 48:18 Yoosef abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, akkas miti; inni kun hangafa; harka kee mirgaa mataa isaa irra kaaʼi” jedhe.
GEN 48:19 Abbaan isaa garuu didee akkana jedheen; “Ani nan beeka; yaa ilma koo nan beeka. Innis saba taʼa; saba guddaa isaa taʼa. Taʼus obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa guddaa taʼa; sanyiin isaas tuuta saba baayʼee ni taʼa.”
GEN 48:20 Innis gaafa sana akkana jedhee isaan eebbise; “Israaʼel maqaa keetiin eebba kana kenna; ‘Waaqni akka Efreemii fi akka Minaasee isin haa taasisu.’ ” Yoosefis akkasiin Minaasee dura Efreemin dabarse.
GEN 48:21 Ergasii Israaʼel Yoosefiin akkana jedhe; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; Waaqni garuu isin wajjin taʼee biyya abbaa keessaniitti isin deebisa.
GEN 48:22 Ani qooda obboloota keetii caalchisee qooda tokko siifin kenna; kunis lafa ol kaʼaa ani Amoorota irraa goraadee koo fi iddaa kootiin fudhadhe sanaa dha.”
GEN 49:1 Yaaqoob ilmaan isaa ofitti waamee akkana jedhe: “Akka ani waan bara dhumaa keessa isinitti dhufu isinitti himuuf mee walitti qabamaa.
GEN 49:2 “Yaa ilmaan Yaaqoob mee walitti qabamaa dhaggeeffadhaa; abbaa keessan Israaʼelin dhaggeeffadhaa.
GEN 49:3 “Yaa Ruubeen, ati ilma koo hangafa; humna koo, mallattoo jalqabaa kan jabina kootii ti; ati ulfinaan ni caalta; humnaan illee ni caalta.
GEN 49:4 Ati akka bishaanii asii fi achi raafamta; ol aantummaas hin qabaattu; ati siree abbaa keetiitti ol baatee, afata kootti ol baatee xureessiteertaatii.
GEN 49:5 “Simiʼoonii fi Lewwiin obboloota; goraadeen isaanii miʼa fincilaa ti.
GEN 49:6 Lubbuun koo marii isaaniitti hin seenin; ulfinni koos yaaʼii isaaniitti hin dabalamin; isaan dheekkamsa isaaniitiin nama ajjeesaniiruutii; fedhii ofii isaaniitiinis qotiyyoo naafachiisaniiru.
GEN 49:7 Aariin isaanii inni hamaan, dheekkamsi isaanii inni gara jabeessi abaaramaa haa taʼu! Ani Yaaqoob keessa isaan nan bittinneessa; Israaʼel keessas isaan nan facaasa.
GEN 49:8 “Yaa Yihuudaa obboloonni kee si leellisu; harki kee morma diina keetii qaba; ilmaan abbaa keetii siif sagadu.
GEN 49:9 Yaa Yihuudaa ati saafela leencaa ti; yaa ilma koo ati adamoodhaa deebita. Inni akka leencaa, akka leenca dhalaas, riphee ciisa; eenyutu ija jabaatee isa kaasa ree?
GEN 49:10 Hamma bulchaan dhufutti bokkuun harka Yihuudaatii, uleen bulchiinsaa miilla isaa gidduudhaa hin dhabamu; saboonnis isaaf ni ajajamu.
GEN 49:11 Inni harree isaa muka wayiniitti, ilmoo harree isaa immoo damee filatamaatti hidhata; wayyaa isaa daadhii wayiniitiin, wandaboo isaa immoo dhiiga gumaa wayiniitiin miiccata.
GEN 49:12 Iji isaa daadhii wayinii irra diimata; ilkaan isaa immoo aannan irra addaata.
GEN 49:13 “Zebuuloon qarqara galaanaa jiraata; buufata dooniiwwaniis taʼa; daangaan isaas hamma Siidoonaatti balʼata.
GEN 49:14 “Yisaakor harree jabaa feʼiisa lama gidduu ciisuu dha.
GEN 49:15 Innis yeroo akka iddoon boqonnaa isaa hammam gaarii taʼee fi akka lafti isaa tolaa taʼe argutti baʼaa baachuuf gatiittii isaa gad qabata; hojii humnaa hojjechuuf of kenna.
GEN 49:16 “Daan gosoota Israaʼel keessaa akka isa tokkootti, saba isaatiif murtii qajeelaa ni kenna.
GEN 49:17 Daan bofa qarqara karaa ti; akka buutii daandii irraa, kan akka namichi farda yaabbatu gara duubaatti kufuuf kottee fardaa idduu ni taʼa.
GEN 49:18 “Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan eeggadha.
GEN 49:19 “Gaad weerartootaan ni dhaʼama; inni garuu faana buʼee isaan dhaʼa.
GEN 49:20 “Aasheer buddeenni isaa furdaa dha; inni mootiidhaaf nyaata tolaa ni kenna.
GEN 49:21 “Niftaalem borofa hiikamtee dha; dubbii gaariis ni dubbata.
GEN 49:22 “Yoosef muka wayinii ija qabeessa, muka wayinii ija qabeessa burqaa bishaaniitti dhiʼoo jiruu dha; dameen isaa dallaa irra yaaʼa.
GEN 49:23 Warri iddaa qabatan waraana isatti banan; isatti futtaasan; isa jibbanis.
GEN 49:24 Garuu iddaan isaa jabaatee hafe; irreen harka isaa, harka Waaqa Jabaa Yaaqoobiin jabeeffame. Achiis Tiksee sanaan, Kattaa Israaʼeliin,
GEN 49:25 Waaqa abbaa keetii isa si gargaaruun, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu isa eebba samii gubbaatiin, eebba gadi fagoo isa jalaatiin, eebba harmaatii fi gadameessaatiin si eebbisu sanaan ni eebbifamta.
GEN 49:26 Eebbi abbaa keetii, eebba tulluuwwan durii, arjummaa gaarran durii caala. Kun hundi mataa Yoosefiitti, gubbee mataa isa obboloota isaa keessaa hoogganaa taʼeetti haa qabatu.
GEN 49:27 “Beniyaam yeeyyii baayʼee beelaʼee dha; ganama waan adamse itti gaggabee nyaata; galgala immoo boojuu hira.”
GEN 49:28 Warri kunneen hundi gosoota Israaʼel kudha lamaan; kunis waan abbaan isaanii yeroo eebba tokkoo tokkoo isaaniif taʼuun isaan eebbisetti isaanitti dubbatee dha.
GEN 49:29 Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee isaan ajaje; “Ani gara saba kootiitti walitti qabamuu gaʼeera; holqa lafa qotiisaa Efroon namicha gosa Heeti sanaatti abbootii koo biratti na awwaalaa.
GEN 49:30 Holqi kunis holqa biyya Kanaʼaan keessatti Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuuf Efroon namicha gosa Heeti sana irraa lafa qotiisaa wajjin bitatee dha.
GEN 49:31 Abrahaamii fi niitiin isaa Saaraan achitti awwaalaman; Yisihaaqii fi niitiin isaa Ribqaan achitti awwaalaman; anis achumattan Liyaa awwaale.
GEN 49:32 Lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru Heetota irraa bitaman.”
GEN 49:33 Yaaqoob akkuma ilmaan isaa ajajuu raawwateen miilla isaa siree irratti ol deebifatee hafuura dhumaa baafate; gara saba isaattis walitti qabame.
GEN 50:1 Yoosefis abbaa isaa irratti kufee booʼeef; isa dhungates.
GEN 50:2 Ergasii immoo Yoosef tajaajiltoota isaa kanneen ogeessota fayyaa taʼan akka isaan reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuuman ajaje; jarris reeffa Israaʼel qorichaan sukkuuman;
GEN 50:3 waan kana gochuun bultii afurtama guutuu isaanitti fudhate; yeroon qoricha reeffa dibuuf barbaachisu kana tureetii. Warri Gibxiis bultii torbaatama isaaf booʼan.
GEN 50:4 Guyyoonni gaddaa darbinaan Yoosef warra mana Faraʼoon jiraataniin akkana jedhe; “Yoo ani fuula keessan duratti fudhatama argadheera taʼe, akkana jedhaatii Faraʼoonitti naa himaa:
GEN 50:5 ‘Abbaan koo akkana jedhee na kakachiiseera; “Kunoo ani duʼuu gaʼeera; awwaala ani biyya Kanaʼaan keessatti ofii kootiif qotadhetti na awwaalaa.” Kanaafuu maaloo ani amma dhaqee abbaa koo nan awwaalladha; ergasii immoo nan deebiʼa.’ ”
GEN 50:6 Faraʼoonis, “Dhaqiitii akkuma inni si kakachiise sanatti abbaa kee awwaalladhu” jedheen.
GEN 50:7 Yoosefis abbaa isaa awwaallachuu dhaqe. Qondaaltonni Faraʼoon hundinuu hangafoonni mana isaatii fi hangafoonni Gibxi hundi isa wajjin deeman.
GEN 50:8 Akkasumas warri mana Yoosef jiraatan, obboloota isaatii fi warri mana abbaa isaa jiraatan hundi isa wajjin deeman. Ijoollee isaanii, bushaayee isaaniitii fi loon isaanii qofattu, Gooshenitti hafe.
GEN 50:9 Gaariiwwanii fi warri farda yaabbatanis isa wajjin deeman. Tuunni sunis akka malee guddaa ture.
GEN 50:10 Isaanis yommuu Yordaanos gama oobdii Axaad bira gaʼanitti sagalee isaanii ol fudhatanii gadoodanii booʼan. Yoosefis achitti abbaa isaatiif guyyaa torba booʼe.
GEN 50:11 Namoonni Kanaʼaan warri achi jiraachaa turan booʼicha oobdii Axaad biratti booʼame sana arganii, “Booʼichi kun warra Gibxiitiif booʼicha guddaa dha” jedhan. Kanaafuu iddoon sun Abeel Misraayim jedhamee moggaafame. Iddoon sunis Yordaanos gamatti argama.
GEN 50:12 Ilmaan Yaaqoob akkuma inni isaan ajaje sana godhan;
GEN 50:13 isaanis biyya Kanaʼaanitti isa geessanii holqa Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuudhaaf Efroon namicha gosa Heeti sana irra lafa qotiisaa wajjin bitate sanatti awwaalan.
GEN 50:14 Yoosef erga abbaa isaa awwaallatee booddee obboloota isaatii fi warra isa wajjin abbaa isaa awwaaluu dhaqan hunda wajjin Gibxitti deebiʼe.
GEN 50:15 Obboloonni Yoosef erga abbaan isaanii duʼee booddee, “Yoo Yoosef hamaa nu isatti hojjennee hundaaf haaloo qabatee haaloo nutti baʼe hoo?” jedhan.
GEN 50:16 Isaanis akkana jedhanii Yoosefitti dhaammatan; “Abbaan kee utuu hin duʼin dura akkana jedhee ajaje;
GEN 50:17 ‘Isin akkana jedhaa Yoosefitti himaa; ani akka ati cubbuu fi balleessaa obboloonni kee si miidhuuf jedhanii sitti hojjetan sana isaanii dhiiftu sin kadhadha.’ Maaloo cubbuu tajaajiltoota Waaqa abbaa keetii dhiisi.” Yoosefis yommuu ergaa isaanii dhagaʼetti ni booʼe.
GEN 50:18 Obboloonni isaas dhufanii fuula isaa duratti lafa dhaʼanii, “Kunoo nu garboota kee ti” jedhan.
GEN 50:19 Yoosef garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Anatu iddoo Waaqaa buʼaa?
GEN 50:20 Isin hamaa natti yaaddan; Waaqni garuu akkuma amma taʼee jiru kana lubbuu nama baayʼee baraaruuf jedhee waan gaariif yaade.
GEN 50:21 Egaa hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan nan sooraatii.” Innis waan garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee isaan jajjabeesse.
GEN 50:22 Yoosef maatii abbaa isaa wajjin Gibxi keessa ture. Innis waggaa dhibba tokkoo fi kudhan jiraate.
GEN 50:23 Dhaloota sadaffaa ijoollee Efreem arge. Akkasumas ilmaan Maakiir ilma Minaasee jilba Yoosef irratti dhalatan.
GEN 50:24 Yoosefis obboloota isaatiin akkana jedhe; “Ani duʼuu gaʼeera. Waaqni garuu dhugumaan dhufee isin gargaara; biyya kanaa isin baasees gara biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakuun waadaa gale sanaatti isin geessa.”
GEN 50:25 Yoosefis ijoollee Israaʼel kakachiisee akkana jedheen; “Waaqni dhugumaan dhufee isin gargaara; isinis lafee koo biyya kanaa ol baasuu qabdu.”
GEN 50:26 Yoosefis waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. Jarris qorichaan sukkuumanii Gibxitti sanduuqa reeffaa keessa isa kaaʼan.
EXO 1:1 Maqaan ilmaan Israaʼel kanneen maatii isaanii qabatanii Yaaqoob wajjin Gibxi dhaqanii kanaa dha:
EXO 1:2 Ruubeen, Simiʼoon, Lewwii fi Yihuudaa;
EXO 1:3 Yisaakor, Zebuuloonii fi Beniyaam;
EXO 1:4 Daanii fi Niftaalem; Gaadii fi Aasheer.
EXO 1:5 Namoonni sanyii Yaaqoob irraa dhalatan walumaa galatti torbaatama turan; Yoosef durumaanuu Gibxi ture.
EXO 1:6 Yoosefii fi obboloota isaa hundi, dhaloonni sun hundinuus, ni duʼan.
EXO 1:7 Israaʼeloonni garuu horanii akka malee baayʼatan; baayʼataniis akka malee jabaatan; biyyattii keessas ni guutan.
EXO 1:8 Ergasii mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe.
EXO 1:9 Innis saba isaatiin akkana jedhe; “Kunoo, Israaʼeloonni nu caalaa baayʼataniiru; nu caalaas jabaataniiru.
EXO 1:10 Kottaa akka isaan kana caalaa hin baayʼanneef, yoo waraanni kaʼes diinota keenya gargaaranii akka nu hin waraannee fi akka biyyattii keessaa baqatanii hin baaneef haxxummaadhaan isaan qabna.”
EXO 1:11 Kanaafuu itti gaafatamtoota isaan cunqursanii hojii humnaa hojjechiisan isaanitti muudan; Israaʼeloonnis Fiitoomii fi Raamsee magaalaawwan waa itti kuusan godhanii Faraʼooniif ijaaran.
EXO 1:12 Isaan garuu hamma cunqursaan isaanitti jabaachaa deeme sana baayʼatanii lafa guutan; kana irratti warri Gibxi saba Israaʼel sodaatan.
EXO 1:13 Warri Gibxis Israaʼelootatti gara jabinaan isaan hojjechiifatan.
EXO 1:14 Isaanis suphee fi xuubii hojjechiisuudhaan, lafa qotiisaa keessas hojii garaa garaa hunda hojjechiisuudhaan hojii itti cimsanii jireenya isaanitti hadheessan; warri Gibxi hojii jabaa jara hojjechiisan hunda keessatti garaa isaaniif hin laafan ture.
EXO 1:15 Mootiin Gibxi deessistoota Ibrootaa kanneen Siipaaraa fi Fuuhaa jedhamaniin akkana jedhe;
EXO 1:16 “Isin yommuu dubartoota Ibrootaa daʼumsa irratti gargaartanii fi barcuma daʼumsaa irratti isaan argitan, yoo dhiira taʼe ajjeesaa; yoo durba taate immoo haa jiraattuu dhiisaa.”
EXO 1:17 Deessistoonni sun garuu waan Waaqa sodaataniif, waan mootiin Gibxi isaanitti hime sana hin goone; ijoollee dhiiraas akka isaan jiraataniif dhiisan.
EXO 1:18 Mootiin Gibxis deessistoota sana ofitti waamee, “Isin maaliif waan kana gootan? Maaliifis ijoollee dhiiraa akka isaan jiraataniif dhiiftan?” jedhee isaan gaafate.
EXO 1:19 Deessistoonni sunis, “Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota warra Gibxi miti; isaan waan jajjaboo taʼaniif utuu deessistoonni isaan bira hin gaʼin daʼanii nama eegu” jedhanii Faraʼooniif deebisan.
EXO 1:20 Waaqnis deessistoota sanaaf waan gaarii godhe; Israaʼeloonnis baayʼatanii akka malee jabaatan.
EXO 1:21 Sababii isaan Waaqa sodaataniif Waaqni deessistoota sanaaf maatii ofii isaanii kenneef.
EXO 1:22 Kana irratti Faraʼoon, “Ilma dhalatu hunda laga Abbayyaa keessa buusaa; durbi hundi garuu haa jiraattuu dhiisaa” jedhee saba isaa hunda ajaje.
EXO 2:1 Sanyii Lewwii keessaa namichi tokko intala Lewwii tokko fuudhe;
EXO 2:2 isheenis ulfooftee ilma deesse. Yommuu akka inni bareedaa taʼe argitetti jiʼa sadii isa dhoksite.
EXO 2:3 Kana caalaa isa dhoksuu akka hin dandeenye yeroo beektetti garuu guuboo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee haphee fi leelee itti dhoobde; mucaa sana guuboo keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa shambaqqoo keessa keesse.
EXO 2:4 Obboleettiin isaa immoo waan mucicha irra gaʼu ilaaluuf jettee fagoo dhaabachaa turte.
EXO 2:5 Yeroo sana intalli Faraʼoon dhagna dhiqachuuf gara laga Abbayyaatti gad buute; dubartoonni ishee tajaajilanis qarqara laga sanaa irra asii fi achi dedeemaa turan. Isheenis guuboo sana shambaqqoo keessatti argitee akka dhaqxee fidduuf garbittii ishee ergite.
EXO 2:6 Isheenis guuboo bantee mucaa sana argite; kunoo mucichis booʼaa ture. Isheenis garaa laafteefii, “Kun daaʼimman Ibrootaa keessaa tokkoo dha” jette.
EXO 2:7 Obboleettiin mucichaas intala Faraʼooniin, “Akka isheen hoosiftee siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa guddiftuu tokko siif waamuu?” jette.
EXO 2:8 Isheenis, “Eeyyee, dhaqi” jetteen. Intalli sunis dhaqxee haadha mucaa sanaa waamte.
EXO 2:9 Intalli Faraʼoonis dubartittiidhaan, “Mucaa kana fuudhii naa hoosisi; ani mindaa kee siifin kennaa” jette. Dubartiin sunis daaʼima sana fuutee hoosifte.
EXO 2:10 Mucaan sun guddannaan isheen intala Faraʼoonitti fidde. Innis ilma ishee taʼe. Isheenis, “Ani bishaan keessaa isa nan baase” jechuudhaan maqaa isaa Musee jettee moggaafte.
EXO 2:11 Museen erga guddatee booddee gaafa tokko lafa sabni isaa ture dhaqee utuu isaan hojii dadhabsiisaa hojjetanuu arge; utuu namni Gibxi tokkos Ibroota saba isaa keessaa nama tokko rukutuu arge.
EXO 2:12 Innis asii fi achi ilaalee akka namni tokko iyyuu hin jirre mirkaneeffate; namicha Gibxi sana ajjeesee cirracha keessa dhokse.
EXO 2:13 Guyyaa itti aanutti immoo gad baʼee utuu Ibroonni lama wal lolanuu arge. Ibricha balleessaa qabuunis, “Ati maaliif Ibricha akka keetii rukutta?” jedhee gaafate.
EXO 2:14 Namichi sunis, “Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe? Akkuma namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?” jedheen. Kana irratti Museen, “Dhugumaan wanni ani hojjedhe sun beekameera jechuu dha” jedhee sodaate.
EXO 2:15 Faraʼoon yommuu waan kana dhagaʼetti Musee ajjeesuu yaale; Museen garuu Faraʼoon jalaa gara Midiyaanitti baqate; yommuu achi gaʼettis boolla tokko bira taaʼe.
EXO 2:16 Lubni Midiyaan tokko intallan torba qaba ture; isaanis dhufanii bushaayee abbaa isaanii obaasuuf bishaan budduuqsanii bidiruutti guutaa turan.
EXO 2:17 Tiksoonnis dhufanii isaan ariʼan; Museen garuu kaʼee isaan gargaaree bushaayee isaanii obaaseef.
EXO 2:18 Yeroo dubarri sun gara abbaa isaanii Reʼuuʼeelitti deebiʼanitti, inni, “Isin harʼa akkamiin daftanii deebitan?” jedhee isaan gaafate.
EXO 2:19 Isaanis, “Namicha Gibxi tokkotu tiksoota jalaa nu baase; inni bishaan iyyuu nuu budduuqsee bushaayee nuuf obaase” jedhanii deebisan.
EXO 2:20 Inni immoo intallan isaatiin, “Inni eessa jira? Isin maaliif isa dhiiftanii dhuftan? Akka inni waa nyaatuufis dhaqaatii waamaa” jedhe.
EXO 2:21 Museenis namicha bira jiraachuu jaallate; namichis intala isaa Ziphooraa Museetti heerumsiise.
EXO 2:22 Siipaaraan ilma deesse; Museenis, “Ani alagaa taʼee biyya ormaa jiraadheera” jechuudhaan maqaa isaa Geershoom jedhee moggaase.
EXO 2:23 Bara dheeraa sana keessa mootiin Gibxi ni duʼe. Namoonni Israaʼelis sababii garbummaa keessa turaniif ni aadan; ni iyyanis; iyyi isaan sababii garbummaa jala turaniif gargaarsa argachuuf iyyanis Waaqa bira gaʼe.
EXO 2:24 Waaqnis aaduu isaanii dhagaʼee kakuu isaa kan Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin gale sana yaadate.
EXO 2:25 Waaqnis saba Israaʼel ilaale; Waaqni akka isaan itti jiran beeke.
EXO 3:1 Museen bushaayee abbaa niitii isaa Yetroo lubicha Midiyaan sanaa tiksaa ture; innis gaaf tokko hamma dhiʼa lafa gammoojjiitti bushaayee sana oofee gara tulluu Waaqaa gara Kooreeb dhufe.
EXO 3:2 Achittis Ergamaan Waaqayyoo daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan isatti mulʼate. Museenis daggalli sun bobaʼu illee akka hin gubatin arge.
EXO 3:3 Museenis, “Daggalli kun maaliif hin gubatu laata? Ani itti goree waan dinqisiisaa kana ilaaluu qaba” jedhe.
EXO 3:4 Waaqayyos yommuu akka Museen ilaaluuf achi gore argetti, Waaqni daggala sana keessaa, “Musee! Musee!” jedhee isa waame. Museenis, “Kunoo ani asan jira” jedhee deebise.
EXO 3:5 Waaqni immoo, “As hin dhiʼaatin; Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu” jedheen.
EXO 3:6 Itti fufees, “Ani Waaqa abbaa keetii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob” jedhe. Kana irratti Museen Waaqa ilaaluu waan sodaateef fuula isaa dhokfate.
EXO 3:7 Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan dhiphina saba koo warra Gibxi keessa jiraatan irra gaʼu argeera. Iyya isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa baʼuuf iyyanis dhagaʼeera; ani rakkina isaaniis nan beeka.
EXO 3:8 Kanaafuu ani harka warra Gibxiitii isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaatti, biyya aannanii fi dammi keessaa burquutti jechuunis gara biyya Kanaʼaanotaatti, Heetotaatti, Amoorotaatti, Feerzotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti ol isaan baasuuf jedhee gad buʼeera.
EXO 3:9 Amma kunoo iyyi Israaʼelootaa na bira gaʼeera. Ani haala itti warri Gibxi isaan cunqursanis argeera.
EXO 3:10 Kanaafuu ati amma dhaqi. Ani akka ati saba koo Israaʼeloota Gibxi keessaa baaftuuf Faraʼoonitti sin erga.”
EXO 3:11 Museen garuu Waaqaan, “Faraʼoon bira dhaqee Gibxii Israaʼeloota baasuuf ani eenyu?” jedhe.
EXO 3:12 Waaqnis akkana jedhe; “Ani si wajjin nan taʼa. Ati saba sana Gibxii yommuu baaftutti isin tulluu kana irratti Waaqa waaqeffattu. Si erguu kootiifis kun mallattoo siif taʼa.”
EXO 3:13 Museen immoo Waaqaan, “Kunoo ani gara Israaʼelootaa dhaqee, ‘Waaqni abbaa keessanii na ergeera’ yommun jedhutti yoo isaan, ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatan, ani maal jedheen isaanitti hima?” jedhe.
EXO 3:14 Waaqnis Museedhaan, “ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi” jedheen.
EXO 3:15 Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob isinitti na ergeera.’ “Maqaan kun bara baraan maqaa koo ti; maqaa ani dhalootaa hamma dhalootaatti ittiin yaadatamuu dha.
EXO 3:16 “Dhaqii maanguddoota Israaʼel walitti qabiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani isin ilaaleera; waan Gibxitti isin irra gaʼes argeera.
EXO 3:17 Kanaafuu ani rakkina Gibxi keessaa isin baasee biyya aannanii fi dammi keessaa burqu jechuunis biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi biyya Yebuusotaatti isin geessuuf murteesseera.” ’
EXO 3:18 “Maanguddoonni Israaʼel si dhagaʼu. Atii fi maanguddoonni Israaʼel mootii Gibxi bira dhaqxanii, ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa nutti mulʼateera; egaa amma akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami’ jettuun.
EXO 3:19 Garuu akka mootiin Gibxi yoo irreen jabaan isa dirqisiise malee deemuuf isinii hin eeyyamne anuu beeka.
EXO 3:20 Ani dinqii isaan gidduutti hojjedhu hundaan irree koo hiixadhee namoota Gibxi nan dhaʼa. Ergasii inni akka deemtan isiniif eeyyama.
EXO 3:21 “Anis akka sabni kun fuula warra Gibxi duratti surraa argatu nan godha; isinis yommuu Gibxii baatanitti harka duwwaa hin baatan.
EXO 3:22 Tokkoon tokkoon dubartii miʼa meetii, miʼa warqeetii fi uffata gaafattee ollaa isheettii fi dubartii mana ishee jiraattu irraa haa fudhattu; kanaanis ilmaanii fi intallan keessanitti uffiftu. Akkasiinis qabeenya warra Gibxi boojitanii baatu.”
EXO 4:1 Museen, “Yoo isaan, ‘Waaqayyo sitti hin mulʼanne’ jedhanii na amanuu yookaan na dhagaʼuu didan hoo?” jedhee deebise.
EXO 4:2 Kana irratti Waaqayyo, “Wanti harka kee keessa jiru sun maali?” jedheen. Museen immoo, “Ulee dha” jedhee deebise.
EXO 4:3 Waaqayyos, “Lafa buusi” jedheen. Museen lafa buufnaan uleen sun bofa taʼe; innis irraa baqate.
EXO 4:4 Waaqayyo garuu Museedhaan, “Harka kee hiixadhuutii eegee isaa qabi” jedhe. Museenis hiixatee bofa sana qabe; bofti sunis harka isaa keessatti deebiʼee ulee taʼe.
EXO 4:5 Waaqayyos, “kun akka isaan Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob sitti mulʼate akka amananiif” jedhe.
EXO 4:6 Waaqayyos Museedhaan, “Harka kee bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe. Museenis harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa lamxii akka cabbii taʼe.
EXO 4:7 Innis Museedhaan, “Harka kee deebisii bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe; Museenis deebisee harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa deebiʼee akkuma dhagna isaa isa kaanii taʼe.
EXO 4:8 Waaqayyos akkana jedhe; “Isaan yoo si amanuu baatanii mallattoo isa jalqabaa fudhachuu didan mallattoo lammaffaa ni amanu taʼa.
EXO 4:9 Yoo isaan mallattoo kana lamaan amanuu baatanii si dhagaʼuu didan bishaan laga Abbayyaa budduuqsiitii lafa gogaa irratti dhangalaasi. Bishaan ati lagicha irraa budduuqsite sunis lafa gogaa irratti dhiiga taʼa.”
EXO 4:10 Museenis Waaqayyoon, “Yaa Gooftaa, ani duris taʼu yookaan erga ati garbicha keetti dubbachuu jalqabdee as nama arraba qajeelu miti. Ani nama afaan isaa hidhamee arrabni isaas itti ulfaatuu dha” jedhe.
EXO 4:11 Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Kan afaan namaa uume eenyu? Kan akka namni arrab-didaa taʼu yookaan duudu godhu eenyu? Kan agartuu ijaa namaaf kennu yookaan jaamsu eenyu? Anuma Waaqayyoo mitii?
EXO 4:12 Amma dhaqi; ani afaan kee wajjin nan taʼa; waan ati jettus sin barsiisa.”
EXO 4:13 Museen garuu, “Yaa Gooftaa, maaloo nama biraa ergi” jedhe.
EXO 4:14 Dheekkamsi Waaqayyoos Musee irratti bobaʼe; innis akkana jedhe; “Obboleessi kee Aroon Lewwichi jira mitii? Ani akka inni akka gaariitti dubbatu nan beeka. Kunoo, inni gara kee dhufuutti jira. Inni yommuu si argutti ni gammada.
EXO 4:15 Ati isatti dubbatee afaan isaa keessa dubbii ni keessa; anis afaan keetii fi afaan isaa wajjin nan taʼa; waan isin hojjettanis isin nan barsiisa.
EXO 4:16 Inni uummatatti siif dubbata; inni afaan siif taʼa; ati immoo isaaf akka Waaqaa ni taata.
EXO 4:17 Ati ulee ittiin mallattoo argisiiftu kana harkatti qabadhu.”
EXO 4:18 Museen gara abbaa niitii isaa gara Yetrootti deebiʼee, “Akka ani gara saba koo warra Gibxi jiraatanitti deebiʼee hamma ammaatti lubbuun jiraachuu isaanii arguuf maaloo naa eeyyami” jedheen. Yootooris, “Nagaan dhaqi” jedheen.
EXO 4:19 Waaqayyo Midiyaanitti Museedhaan, “Namoonni si ajjeesuu barbaadan hundi duʼaniiruutii Gibxitti deebiʼi” jedhee ture.
EXO 4:20 Kanaafuu Museen niitii isaatii fi ilmaan isaa fuudhatee harree irra kaaʼee Gibxitti deebiʼe. Innis ulee Waaqaa harkatti qabatee ture.
EXO 4:21 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ati yeroo Gibxitti deebitutti dinqiiwwan ani akka ati hojjetuuf humna siif kenne sana hunda fuula Faraʼoon duratti hojjedhu. Ani garuu akka inni saba sana gad hin lakkifne mata jabeessa isa nan godha.
EXO 4:22 Ati Faraʼooniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Israaʼel ilma koo hangafa;
EXO 4:23 anis, “Akka ilmi koo na tajaajiluuf gad lakkisi” jedhee sitti himeera. Ati garuu isa gad lakkisuu didde; kanaafuu, kunoo ani ilma kee hangafa nan ajjeesa.’ ”
EXO 4:24 Waaqayyo karaa irratti iddoo bultiitti Museetti dhufee isa ajjeesuu barbaade.
EXO 4:25 Ziphooraa garuu dhagaa qara qabu fudhattee qola dhagna ilma ishee kuttee ittiin miilla Musee tuqxe. Isheenis, “Ati dhugumaan anaaf misirricha dhiigaati” jette.
EXO 4:26 Waaqayyos isa dhiise. Yeroo sana isheen waaʼee dhagna qabaatiif, “Misirricha dhiigaa ti” jette.
EXO 4:27 Waaqayyos Arooniin, “Ati Musee simachuuf gara gammoojjii dhaqi!” jedhe. Innis dhaqee Tulluu Waaqaa irratti Musee argatee isa dhungate.
EXO 4:28 Yeroo sana Museen dubbii Waaqayyo akka inni dubbatuuf isa erge hundaa fi mallattoowwan akka inni hojjetuuf isa ajaje hunda Aroonitti hime.
EXO 4:29 Musee fi Aroon maanguddoota Israaʼel hunda walitti qaban;
EXO 4:30 Aroonis waan Waaqayyo Museetti hime hunda jaratti hime. Mallattoowwanis fuula namootaa duratti hojjete;
EXO 4:31 isaanis ni amanan. Jarris yommuu akka Waaqayyo saba Israaʼel ilaalee fi akka inni rakkina isaaniis arge dhagaʼanitti gad jedhanii sagadan.
EXO 5:1 Ergasii Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii, “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Akka inni gammoojjiitti ayyaana naa ayyaanessuuf saba koo gad dhiisi.’ ”
EXO 5:2 Faraʼoon immoo, “Akka ani isaaf ajajamee Israaʼelin gad dhiisuuf Waaqayyo kun eenyu? Ani Waaqayyo sana hin beeku; Israaʼelinis gad hin dhiisu” jedhe.
EXO 5:3 Isaanis akkana jedhan; “Waaqni Ibrootaa nutti dhufeera. Akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami; akkas taʼuu baannaan inni dhaʼichaan yookaan goraadeedhaan nu dhaʼa.”
EXO 5:4 Mootiin Gibxi garuu, “Yaa Musee fi Aroon, isin maaliif saba kana hojii dhowwitu? Hojii keessanitti deebiʼaa!” isaaniin jedhe.
EXO 5:5 Faraʼoonis ittuma fufee, “Kunoo sabni biyyattii amma baayʼateera; isin immoo hojii isaan dhowwaa jirtu” jedhe.
EXO 5:6 Guyyuma sana Faraʼoon akkana jedhee itti gaafatamtoota hojiitii fi qondaaltota sabaa ajaje;
EXO 5:7 “Siʼachi xuubii hojjechuudhaaf saba kanaaf cidii hin kenninaa; isaan ofuma isaaniitii dhaqanii cidii haa barbaaddatan.
EXO 5:8 Garuu akka isaan lakkoobsa xuubii kan duraan hojjechaa turan sana hojjetan godhaa; hamma isaanitti ramadame hin hirʼisinaa. Isaan dhibaaʼoo dha; kanaafuu, ‘Nu dhaqnee Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessina’ jedhanii iyyaa jiru.
EXO 5:9 Akka isaan hojiidhaan qabamanii dubbii sobaatiif xiyyeeffannoo hin kennineef hojii isaanitti cimsaa.”
EXO 5:10 Itti gaafatamtoonni hojiitii fi qondaaltonni sabaa gad yaaʼanii saba sanaan akkana jedhan; “Faraʼoon akkana jedha: ‘Ani siʼachi cidii isinii hin kennu.
EXO 5:11 Lafa itti argachuu dandeessan dhaqaatii ofii keessanii cidii barbaaddadhaa; hojiin keessan garuu gonkumaa hin hirʼatu.’ ”
EXO 5:12 Sabni sun qooda cidii, haafa walitti qabachuuf jedhee biyya Gibxii guutuu keessa faffacaʼe.
EXO 5:13 Itti gaafatamtoonni sunis, “Isin hojii keessan kan guyyaa guyyaa akkuma yeroo cidiin ture sanaatti hojjedhaa raawwadhaa” jedhanii isaan jarjarsaa turan.
EXO 5:14 Israaʼeloonni qondaaltota hojii taʼan kanneen itti gaafatamtoota garboota Faraʼooniin muudamanis reebamanii, “Isin kaleessaa fi harʼa maaliif qooda xuubii kan akka hojjettaniif isinii ramadame sana akkuma duriitti hin guuttanne?” jedhamanii gaafatamaa turan.
EXO 5:15 Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼanis dhaqanii akkana jedhanii Faraʼoonitti iyyatan; “Ati maaliif tajaajiltoota kee akkas goota?
EXO 5:16 Cidiin tajaajiltoota keetiif hin kennamu; taʼus, ‘Xuubii hojjedhaa!’ nuun jedhan. Kunoo tajaajiltoonni kee reebamaa jiru; balleessaan garuu kanuma saba keetii ti.”
EXO 5:17 Faraʼoonis akkana jedhe; “Isin dhibaaʼoo dha; isin dhibaaʼoo dha! Kanaafuu isin, ‘Nu dhaqnee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessina’ jettan.
EXO 5:18 Amma dhaqaatii hojjedhaa; cidiin isiniif hin kennamu; garuu xuubii isinitti ramadame hojjetanii guutuu qabdu.”
EXO 5:19 Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼan yommuu, “Isin lakkoobsa xuubii kan guyyaa guyyaatti akka hojjettaniif isin irraa eegamu sana hirʼisuu hin qabdan” jedhamee isaanitti himametti akka rakkina keessa seenan hubatan.
EXO 5:20 Yeroo Faraʼoon biraa gad baʼanitti utuu Musee fi Aroon isaan eeganuu argatan;
EXO 5:21 isaanis, “Waan isin akka Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa nu xireeffatan gootanii akka isaan nu ajjeesaniif goraadee harka isaanii keessa keessaniif Waaqayyo isinitti haa ilaalu; isinitti haa murus!” jedhan.
EXO 5:22 Museen gara Waaqayyootti deebiʼee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ati maaliif saba kanatti rakkina fidde? Ati kanaaf na ergitee?
EXO 5:23 Gaafa ani maqaa keetiin dubbachuuf Faraʼoon bira dhaqee jalqabee inni saba keetti rakkinuma fidaa jira; ati garuu gonkumaa saba kee hin furre.”
EXO 6:1 Waaqayyos Museedhaan, “Amma waan ani Faraʼoon irratti hojjedhu ati ni argita: sababii irree koo jabaa sanaatiif mootichi gad isaan dhiisa; sababii irree koo jabaa sanaatiifis mootichi biyya isaa keessaa isaan ariʼa” jedhe.
EXO 6:2 Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Ani Waaqayyo.
EXO 6:3 Ani akka Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuttan Abrahaamitti, Yisihaaqittii fi Yaaqoobitti mulʼadhe; garuu maqaa koo Waaqayyoon isaanitti of hin beeksifne.
EXO 6:4 Akkasumas ani biyya Kanaʼaan lafa isaan akka alagaatti keessa jiraattan sana isaanii kennuuf jedhee isaan wajjin kakuu galeera.
EXO 6:5 Kana irrattis, ani aaduu saba Israaʼel kanneen warra Gibxiin garboomfaman sanaa dhagaʼee kakuu koo yaadadheera.
EXO 6:6 “Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani Waaqayyo; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura.
EXO 6:7 Ani akka saba ofii kootti isin fudhadha; Waaqa keessan nan taʼa. Yeroo sana isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan kan waanjoo warra Gibxi jalaa isin baase taʼe ni beektu.
EXO 6:8 Ani biyya isan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf harka koo ol qabadhee kakadhe sanatti isin nan galcha. Dhaala godhees isiniif kenna. Ani Waaqayyo.’ ”
EXO 6:9 Museenis waan kana saba Israaʼelitti hime; isaan garuu waan abdii kutatanii fi garbummaa hamaa keessa turaniif isa hin dhageenye.
EXO 6:10 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 6:11 “Dhaqiitii akka inni biyya isaa keessaa Israaʼeloota gad lakkisuuf Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
EXO 6:12 Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo Israaʼeloonni na hin dhageenye; yoos Faraʼoon akkamitti na dhagaʼa ree? Afaan koo qajeelchee hin dubbatatuutii” jedhe.
EXO 6:13 Waaqayyo garuu waaʼee Israaʼelootaatii fi waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi Musee fi Aroonitti dubbatee akka isaan saba Israaʼel Gibxii baasan isaan ajaje.
EXO 6:14 Hangafoonni balbalawwan isaanii kanneenii dha: Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henook, Faluus, Hezroonii fi Karmii.
EXO 6:15 Ilmaan Simiʼoon: Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zoohar, Shaawul ilma dubartittii Kanaʼaan.
EXO 6:16 Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
EXO 6:17 Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti: Loobeenii fi Shimeʼii.
EXO 6:18 Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. Qohaati waggaa 133 jiraate.
EXO 6:19 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii.
EXO 6:20 Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Aroonii fi Musee deesseef.
EXO 6:21 Ilmaan Yizihaar: Qooraahi, Naafegii fi Zikrii.
EXO 6:22 Ilmaan Uziiʼeel: Miishaaʼeel, Elzaafaanii fi Sitrii.
EXO 6:23 Aroon intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef.
EXO 6:24 Ilmaan Qooraahi: Asiir, Elqaanaa fi Abiiʼaasaaf.
EXO 6:25 Eleʼaazaar ilmi Aroon intallan Fuutʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef.
EXO 6:26 Aroonii fi Museen warri Waaqayyo, “Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa” jedheen sun isaanuma kana.
EXO 6:27 Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Musee fi Aroon isaanuma kana.
EXO 6:28 Waaqayyo yeroo Gibxi keessatti Museetti dubbate sana
EXO 6:29 akkana jedheen; “Ani Waaqayyoo dha. Waan ani sitti himu hunda Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
EXO 6:30 Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo, ani waan afaan koo qajeelchee dubbachuu hin dandeenyeef Faraʼoon akkamiin na dhagaʼa?” jedhe.
EXO 7:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani Faraʼooniif waaqa si godheera; obboleessi kee Aroon immoo raajii siif taʼa.
EXO 7:2 Ati waan ani si ajaju hunda ni dubbata; obboleessi kee Aroon immoo akka inni Israaʼeloota biyya isaa keessaa gad dhiisu Faraʼoonitti ni hima.
EXO 7:3 Ani garuu Faraʼoonin mata jabeessa nan godha; yoo ani biyya Gibxi keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan koo baayʼise iyyuu,
EXO 7:4 inni isin hin dhaggeeffatu. Ani harka koo Gibxi irratti ol nan kaasa; murtii jabaadhaanis raayyaa koo, saba Israaʼel biyya Gibxi keessaa nan baasa.
EXO 7:5 Warri Gibxi yommuu ani harka koo Gibxi irratti ol kaafadhee saba Israaʼel achi keessaa baasutti akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
EXO 7:6 Musee fi Aroonis akkuma Waaqayyo isaan ajaje godhan.
EXO 7:7 Yeroo Faraʼoonitti dubbatanitti Museen nama waggaa saddeettama ture; Aroon immoo nama waggaa saddeettamii sadii ture.
EXO 7:8 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
EXO 7:9 “Yommuu Faraʼoon, ‘Dinqii hojjedhaa’ isiniin jedhutti, ati immoo Arooniin, ‘Ulee kee fuudhiitii fuula Faraʼoon duratti lafa buusi’ jetta; uleen sunis bofa taʼa.”
EXO 7:10 Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate.
EXO 7:11 Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan.
EXO 7:12 Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Aroon garuu ulee isaanii liqimsite.
EXO 7:13 Taʼus Faraʼoon akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.
EXO 7:14 Kana irratti Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon mata jabeessa taʼeera; saba sanas gad dhiisuu dide.
EXO 7:15 Ganamaan gara Faraʼoon dhaqi; kunoo inni bishaanitti gad baʼa. Ulee bofatti geeddaramte sana harkatti qabadhuutii qarqara laga Abbayyaatti isa eegi.
EXO 7:16 Akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedhee sitti na ergeera: Akka sabni koo dhaqee gammoojjii keessatti naaf sagaduuf gad lakkisi. Ati garuu hamma ammaatti ajajamuu diddeerta.
EXO 7:17 Waaqayyo akkana jedha: Akka ani Waaqayyo taʼe ati kanaan beekta: Kunoo ani ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan Abbayyaa nan dhaʼa; bishaan sunis dhiigatti geeddarama.
EXO 7:18 Qurxummiiwwan laga Abbayyaa keessaa ni duʼu; lagni sunis ni ajaaʼa; warri Gibxis bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼan.’ ”
EXO 7:19 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii bishaanota Gibxi irratti, lageen isaanii irratti, doloolloo isaanii irratti, haroo isaaniitii fi kuusaa bishaanii hunda irratti harka kee diriirsi.’ Isaanis dhiigatti geeddaramu. Gibxi guutuun dhiigaan guutama; qodaan mukaatii fi okkoteen dhagaa dhiigaan guutaman.”
EXO 7:20 Musee fi Aroon akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon ulee isaa ol fuudhee fuula Faraʼooniitii fi qondaaltota isaa duratti bishaan Abbayyaa dhaʼe; bishaan sun hundis dhiigatti geeddarame.
EXO 7:21 Qurxummiiwwan Abbayyaa duunaan lagichi ajaaʼe; warri Gibxis bishaan isaa dhuguu hin dandeenye. Gibxi guutuunis dhiigaan guutame.
EXO 7:22 Garuu tolfattoonni Gibxi tolcha isaaniitiin akkasuma hojjetan; Faraʼoonis mata jabeessa taʼe. Innis akkuma Waaqayyo jedhe sana Musee fi Aroon dhagaʼuu dide.
EXO 7:23 Faraʼoonis deebiʼee masaraa isaa seene; innis waan kana yaadatti illee hin qabanne.
EXO 7:24 Warri Gibxi hundi waan bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼiniif bishaan dhugaatii baafachuuf jedhanii qarqara Abbayyaa qotatan.
EXO 7:25 Erga Waaqayyo Abbayyaan dhaʼee guyyaan torba darbe.
EXO 8:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi.
EXO 8:2 Yoo ati gad isa dhiisuu didde immoo kunoo ani biyya kee guutuutti dhaʼicha fattee nan erga.
EXO 8:3 Lagni Abbayyaa fatteedhaan guutuma; isaanis ol baʼanii mana keetti, dinqa keetti, siree keetti, mana hojjettoota keetiitti, saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keetiittis namʼu.
EXO 8:4 Fatteewwan kunneen siʼii fi saba kee, qondaaltota kee hundas ni yaabbatu.’ ”
EXO 8:5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii harka kee burqaawwan irratti, lageenii fi kuusaa bishaanii irratti ol kaafadhuutii akka fatteewwan biyya Gibxitti dhufan godhi.’ ”
EXO 8:6 Aroon harka isaa bishaanota Gibxitti ol kaafate; fatteewwanis ol baʼanii biyya sana guutan.
EXO 8:7 Tolfattoonnis falfala isaaniitiin akkasuma godhan; biyya Gibxittis fatteewwan fidan.
EXO 8:8 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Akka inni anaa fi saba koo irraa fatteewwan fageessuuf Waaqayyo kadhadhaa; anis akka sabni keessan dhaqee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gadin dhiisa” jedhe.
EXO 8:9 Museenis Faraʼooniin, “Akka fatteewwan siʼii fi manneen kee irraa badanii laga Abbayyaa qofa keessatti hafaniif yeroo ani itti siif, qondaaltota keetii fi saba keetiif illee Waaqa kadhadhu ati na beeksisi” jedhe.
EXO 8:10 Faraʼoon immoo, “Bor” jedheen. Museenis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa keenyaa fakkaatu kan tokko iyyuu akka hin jirre akka beektuuf akkuma ati jettu taʼa.
EXO 8:11 Fatteewwan sun siʼii fi manneen kee irraa, qondaaltota keetii fi saba kee irraa ni badu; laga Abbayyaa qofa keessattis ni hafu.”
EXO 8:12 Musee fi Aroon erga Faraʼoon biraa gad baʼanii booddee Museen waaʼee fatteewwan Waaqni Faraʼoonitti erge sanaa Waaqayyotti iyye.
EXO 8:13 Waaqayyos akkuma Museen kadhate godhe. Fatteewwan sunis mana keessatti, oobdii irratti, dirree irrattis dhuman.
EXO 8:14 Fatteewwan sunis walitti qabamanii tuulaman; biyyattiinis ni ajoofte.
EXO 8:15 Faraʼoon garuu yommuu akka dhaʼichi sun qabbanaaʼe argetti akkuma Waaqayyo dubbatee ture sana mata jabeessa taʼee Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
EXO 8:16 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan, “Arooniin, ‘Ulee kee ol kaasiitii awwaara lafaa dhaʼi’ jedhi; awwaarri sunis biyya Gibxi guutuu keessatti injiraan taʼa” jedhe.
EXO 8:17 Isaanis akkasuma godhan. Yommuu Aroon harka isaa isa ulee qabate ol kaafatee awwaara lafaa dhaʼetti injiraan namaa fi horiitti duudde. Awwaarri guutuu biyya Gibxi keessa jiru hundi injiraan taʼe.
EXO 8:18 Tolfattoonni garuu falfala isaaniitiin injiraan gad yaasuu yaalanii dadhaban. Injiraanis namaa fi horii irra ture.
EXO 8:19 Tolfattoonnis Faraʼooniin, “Kun quba Waaqaa ti” jedhan. Faraʼoon garuu akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee dhagaʼuu dide.
EXO 8:20 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon duratti dhiʼaadhu; kunoo inni gara bishaanitti gad baʼa; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka inni na tajaajiluuf saba koo gad dhiisi.
EXO 8:21 Yoo ati saba koo gad dhiisuu didde immoo kunoo, ani tuuta tisiisaa sitti, qondaaltota keetti, saba keetti, manneen keetti nan erga. Manneen warra Gibxi, lafti isaan jiraatanis tisiisaan guutamu.
EXO 8:22 “ ‘Ani garuu guyyaa sana iddoo sabni koo jiraatu Gooshenin haala addaatiin nan ilaala; akka ati akka ani Waaqayyo biyya kana keessa jiru beektuuf tisiisni tokko iyyuu achi hin jiraatu.
EXO 8:23 Ani saba kootii fi saba kee gidduutti garaa garummaa nan uuma. Mallattoon kunis bori taʼa.’ ”
EXO 8:24 Waaqayyos akkasuma godhe. Tisiisni baayʼeen mana Faraʼoonii fi manneen qondaaltota isaatti duude; biyyi Gibxi guutuunis tisiisaan balleeffame.
EXO 8:25 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Dhaqaatii biyyuma kana keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessaa” jedheen.
EXO 8:26 Museen immoo deebisee akkana jedhe; “Akkas gochuun qajeelaa hin taʼu; aarsaan nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf dhiʼeessinu warra Gibxi biratti jibbamaa dha. Kunoo, yoo nu aarsaa fuula isaanii duratti jibbamu dhiʼeessine isaan dhagaadhaan nu hin tumanii ree?
EXO 8:27 Akkuma inni nu ajajetti nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessuuf gara gammoojjii karaa guyyaa sadii deemuu qabna.”
EXO 8:28 Faraʼoonis, “Ani akka isin gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessitaniif gadin isin dhiisa; garuu baayʼee fagaattani hin deeminaa. Isinis Waaqa naa kadhadhaa” jedhe.
EXO 8:29 Museenis akkana jedhee deebise; “Kunoo, ani akkuman si biraa deemeen akka bor tisiisni Faraʼoon irraa, qondaaltota isaatii fi saba isaa irraa kaʼu Waaqayyo nan kadhadha. Yaa Faraʼoon ati garuu, akka sabni kun Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gad dhiisuu diddee ammas nu hin gowwoomsin.”
EXO 8:30 Museenis ergasii Faraʼoon biraa baʼee Waaqayyo kadhate;
EXO 8:31 Waaqayyos akkuma Museen isa kadhate sana godhe; tisiisni sunis Faraʼoonin, qondaaltota isaatii fi saba isaa gad dhiisee deeme; tisiisni tokko iyyuu hin hafne.
EXO 8:32 Faraʼoon garuu ammas mata jabeessa taʼe; saba sanas gad dhiisuu dide.
EXO 9:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedha; “Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi.”
EXO 9:2 Yoo ati gad dhiisuu diddee isaan danqite,
EXO 9:3 kunoo harki Waaqayyoo horii kee kanneen dirree irra oolan fardeen, harrootaa fi gaalawwan keetti, loon, hoolotaa fi reʼoota keetti dhaʼicha hamaa ni fida.
EXO 9:4 Waaqayyo garuu akka horiin saba Israaʼel tokko iyyuu hin duuneef horii Israaʼelii fi horii warra Gibxi gidduutti garaa garummaa ni uuma.’ ”
EXO 9:5 Waaqayyo yeroo murteessee, “Waaqayyo bor waan kana biyyattii keessatti ni hojjeta” jedhe.
EXO 9:6 Waaqayyos guyyaa itti aanutti waan kana hojjete: Horiin warra Gibxi hundi ni dhume; horii warra Israaʼel keessaa garuu tokko iyyuu hin duune.
EXO 9:7 Faraʼoonis namoota qoratan ergee, kunoo akka horii saba Israaʼel keessaa tokko illee hin duʼin beeke. Taʼus Faraʼoon mata jabeessa taʼee saba sana gad dhiisuu dide.
EXO 9:8 Waaqayyo immoo Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Daaraa harka guutuu iddoo ibiddaatii hammaaraa; Museenis daaraa sana fuula Faraʼoon duratti samiitti ol haa facaasu.
EXO 9:9 Innis biyya Gibxi guutuu keessatti awwaara taʼa; dhullaan malaa yaasu namaa fi horii guutuu biyyattii keessa jiranitti yaaʼa.”
EXO 9:10 Isaan boolla ibiddaa irraa daaraa hammaarratanii fuula Faraʼoon dura dhaabatan. Museenis daaraa sana samiitti ol facaase; dhullaan malaa yaasus namaa fi horiitti yaaʼe.
EXO 9:11 Tolfattoonnis sababii dhullaatiif Musee dura dhaabachuu hin dandeenye; dhullaan tolfattootaa fi warra Gibxi hundatti yaaʼee tureetii.
EXO 9:12 Garuu Waaqayyo akkuma Museetti hime sana Waaqayyo Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
EXO 9:13 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon dura dhaabadhu; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedha; akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi;
EXO 9:14 yoo kanaa achii ani amma dhaʼicha koo hunda sitti, qondaaltota keetii fi saba keetti nan erga; kunis akka ati akka Waaqni akka koo lafa hunda irra hin jirre beektuuf.
EXO 9:15 Silaa amma ani harka koo ol fudhadhee siʼii fi saba kee dhukkuba hamaan dhaʼuu nan dandaʼa ture; atis lafa irraa badda turte.
EXO 9:16 Ani garuu humna koo sirratti argisiisuu fi akka maqaan koo lafa hunda irratti labsamuuf jedheen kaayyoo kanaaf si jiraachise.
EXO 9:17 Ati amma iyyuu saba koo irratti ol ol of qabda; jaras gad hin dhiiftu.
EXO 9:18 Kunoo ani bori yeroo akkanaatti cabbii hamaa erga Gibxi hundeeffamtee jalqabee hamma ammaatti takkumaa Gibxitti hin buʼin tokko nan buusa.
EXO 9:19 Egaa amma nama ergiitii horii keetii fi waan alaa qabdu hunda manatti galchisiisi; cabbiin sunis namaa fi horii manatti hin galin kanneen alatti hafan hundatti ni buʼa; isaanis ni dhumu.’ ”
EXO 9:20 Qondaaltota Faraʼoon keessaa warri dubbii Waaqayyoo sodaatan garboota isaaniitii fi horii isaanii manatti galfachuuf ariifatanii sokkan.
EXO 9:21 Warri dubbii Waaqayyootiif xiyyeeffannoo hin kennin immoo garboota isaaniitii fi horii isaanii alatti dhiisan.
EXO 9:22 Waaqayyo Museedhaan, “Akka cabbiin biyya Gibxi hundatti namatti, horii fi biqiltuu lafa qotiisaa Gibxi hunda irratti buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe.
EXO 9:23 Yommuu Museen ulee isaa gara samiitti diriirsettis Waaqayyo kakawwee fi cabbii erge; ibiddis gara lafaatti gad buʼe. Waaqayyos biyya Gibxitti cabbii roobse;
EXO 9:24 cabbiin ni buʼe; ibiddis cabbii wajjin wal make. Cabbiin hamaan akkanaa erga Gibxi saba taatee beekamtee as takkumaa guutuu biyyattiitti hin buune.
EXO 9:25 Cabbiin sunis biyya Gibxi keessatti waan ala jiru hunda namas horiis ni dhaʼe; biqiltuu lafa qotiisaa hundas ni balleesse; muka hundas ni barbadeesse.
EXO 9:26 Lafti cabbiin itti hin buʼin biyya Gooshen iddoo Israaʼeloonni jiraatan qofa ture.
EXO 9:27 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedheen; “Ani amma cubbuu hojjedheera; Waaqayyo qajeelaa dha; anii fi sabni koo garuu balleessaa hojjenneerra.
EXO 9:28 Sababii bakakkaa fi cabbiin nutti baayʼateef isin Waaqayyoon nuuf kadhadhaa. Anis gad isin nan dhiisa; isin hammana caalaa as turuu hin qabdan.”
EXO 9:29 Museenis akkana jedhee deebise; “Ani yommuu magaalaa kana keessaa baʼutti harka koo balʼisee Waaqayyo nan kadhadha. Bakakkaan ni dhowwama; cabbiinis siʼachi hin jiraatu; kanaanis ati akka lafti kan Waaqayyoo taate ni beekta.
EXO 9:30 Ani garuu akka atii fi qondaaltonni kee amma iyyuu Waaqayyo Waaqa hin sodaanne nan beeka.”
EXO 9:31 Waan talbaan daraaree, garbuun immoo bilchaatee tureef talbaa fi garbuun ni badan.
EXO 9:32 Qamadii fi honboriin garuu waan turanii bilchaataniif hin badne.
EXO 9:33 Museenis Faraʼoon biraa deemee magaalaa keessaa gad baʼe; innis harka isaa gara Waaqayyootti balʼise; bakakkaa fi cabbiin ni dhowwaman. Bokkaanis deebiʼee biyyattiitti hin roobne.
EXO 9:34 Faraʼoonis yommuu akka bokkaan, cabbii fi bakakkaan dhowwaman argetti ammas cubbuu hojjete; innii fi qondaaltonni isaa mata jabeeyyii taʼan.
EXO 9:35 Akkuma Waaqayyo karaa Museetiin dubbate sana, Faraʼoon mata jabeessa taʼe; saba Israaʼelis gad dhiisuu dide.
EXO 10:1 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoonitti ol seeni; ani akka mallattoowwan koo kanneen isaan gidduutti hojjedhuuf jedhee Faraʼoonii fi qondaaltota isaa mata jabeeyyii godheera;
EXO 10:2 kunis akka ati waan ani warra Gibxi godhe, mallattoo ani isaan gidduutti argisiises ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee keetiitti himtee akka ani Waaqayyo taʼe akka beektaniif taʼe.”
EXO 10:3 Musee fi Aroonis Faraʼoon bira dhaqanii akkana jedhaniin; “Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedha: ‘Ati hamma yoomiitti fuula koo duratti gad of qabuu didda? Akka isaan na tajaajilaniif saba koo gad dhiisi.
EXO 10:4 Yoo ati gad isaan dhiisuu didde, kunoo ani bori biyya keetti hawwaannisa nan fida.
EXO 10:5 Hawwaannisni kunis hamma namni tokko iyyuu arguu dadhabutti lafa haguuga. Innis waanuma cabbii irraa isinii hafe illee ni fixa; mukkeen alatti isinii guddachaa jiranis nyaatee fixa.
EXO 10:6 Inni mana kee, mana qondaaltota keetii hundaa fi mana warra Gibxi hundumaa guuta; kunis waan abbootiin keetii fi abbootiin abbootii keetii gaafa biyya kana qubatanii jalqabanii hamma harʼaatti hin arginii dha.’ ” Kana booddee Museen garagalee Faraʼoon biraa baʼe.
EXO 10:7 Qondaaltonni Faraʼoonis, “Namichi kun hamma yoomiitti kiyyoo nutti taʼa? Namoonni kun akka Waaqayyo Waaqa isaanii tajaajilaniif gad dhiisi. Akka Gibxi badde ati amma illee hin hubannee?” jedhaniin.
EXO 10:8 Musee fi Aroonin deebisanii Faraʼoonitti geessan; Faraʼoonis, “Dhaqaatii Waaqayyo Waaqa keessan waaqeffadhaa! Garuu eenyutu deema?” jedheen.
EXO 10:9 Museenis, “Nu sababii ayyaana Waaqayyoo ayyaaneffannuuf dargaggoota keenyaa fi maanguddoota keenya, ilmaanii fi intallan keenya, bushaayee fi loon keenya qabannee deemna” jedhee deebise.
EXO 10:10 Faraʼoonis akkana jedhe; “Yoo ani dubartoota keessanii fi ijoollee keessan isin wajjin gad dhiise, mee Waaqayyo isin wajjin haa taʼu! Kunoo waan hamaatu isin dura jira.
EXO 10:11 Kun hin taʼu! Akka warri dhiiraa qofti dhaqanii Waaqayyo waaqeffatan godhaa; isin kanuma barbaaddaniitii.” Isaanis fuula Faraʼoon duraa gad baafaman.
EXO 10:12 Waaqayyos Museedhaan, “Akka hawwaannisni biyya Gibxitti buʼee biqiltuu lafa qotiisaa hunda, waan cabbii irraa hafe hundas nyaatuuf harka kee Gibxi irratti diriirsi” jedhe.
EXO 10:13 Museenis ulee isaa Gibxi irratti diriirsinaan Waaqayyo guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu akka bubbeen baʼa biiftuu biyyattii keessatti bubbisu godhe; ganama itti aanus bubbeen sun hawwaannisa fidee dhufe;
EXO 10:14 hawwaannisni sunis Gibxi guutuu weerare; biyya hunda keessas baayʼinaan qubate. Dhaʼichi hawwaannisaa kan akkasii duraan takkumaa buʼee hin beeku; ergasiis takkumaa deebiʼee hin buune.
EXO 10:15 Hawwaannisni sunis hamma lafti gurraachaʼutti lafa hunda haguuge; innis waan cabbii irraa hafe hunda, waan alatti biqile hunda, ija mukaa illee ni nyaate. Biyya Gibxi hunda keessatti wanni lalisaan tokko iyyuu muka irratti yookaan biqiltuu irratti hin hafne.
EXO 10:16 Faraʼoonis dafee Musee fi Aroonin waamee akkana jedheen; “Ani Waaqayyo Waaqa keessanii fi isinitti cubbuu hojjedheera.
EXO 10:17 Egaa mee cubbuu koo naa dhiisaa; akka inni dhaʼicha nama ajjeesu kana narraa fuudhuufis Waaqayyo Waaqa keessan naa kadhadhaa.”
EXO 10:18 Museenis Faraʼoon biraa gad baʼee Waaqayyo kadhate.
EXO 10:19 Waaqayyos bubbee sana gara bubbee lixa biiftuu jabaatti geeddare; bubbeen sunis hawwaannisa sana fuudhee Galaana Diimaatti naqe. Gibxi keessatti hawwaannisni tokko iyyuu hin hafne.
EXO 10:20 Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota gad hin dhiifne.
EXO 10:21 Waaqayyo immoo Museedhaan, “Akka dukkanni Gibxi irra buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe.
EXO 10:22 Museen harka isaa gara samiitti diriirse; dukkanni limixiin isaa guyyaa sadii Gibxi guutuu haguuge.
EXO 10:23 Guyyaa sadan sana namni wal hin argu ture; lafa jiruus hin sochoʼu ture. Israaʼeloonni hundi garuu iddoo jiraatanitti ifa qabu turan.
EXO 10:24 Faraʼoonis Musee ofitti waamee, “Dhaqaatii Waaqayyo waaqeffadhaa. Dubartoonnii fi ijoolleen keessanis isin wajjin haa deemani; bushaayee fi loon keessan qofa dhiisaa deemaa” jedheen.
EXO 10:25 Museen garuu akkana jedhe; “Ati akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa fi qalma gubamu dhiʼeessinuuf nuu eeyyamuu qabda.
EXO 10:26 Horiin keenyas nu wajjin dhaquu qaba; kotteen tokko iyyuu hin hafu. Waaqayyo Waaqa keenya waaqeffachuuf isaan keessaa tokko tokkotti fayyadamna; hamma achi geenyutti Waaqayyo waaqeffachuuf maalitti akka fayyadamnu hin beeknu.”
EXO 10:27 Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis gad isaan dhiisuu dide.
EXO 10:28 Faraʼoonis Museedhaan, “Fuula koo duraa badi! Lammata fuula koo akka hin argine beekkadhu; ati gaafa fuula koo argite ni duuta!” jedhe.
EXO 10:29 Museenis deebisee, “Akkuma ati jette, ani lammata fuula keetti hin mulʼadhu” jedhe.
EXO 11:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa.
EXO 11:2 Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi.”
EXO 11:3 Waaqayyo akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Museen biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture.
EXO 11:4 Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba.
EXO 11:5 Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa.
EXO 11:6 Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa.
EXO 11:7 Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka Waaqayyo Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu.
EXO 11:8 Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema.” Museenis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe.
EXO 11:9 Waaqayyo Museedhaan, “Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida” jedhe.
EXO 11:10 Musee fi Aroonis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe.
EXO 12:1 Waaqayyos biyya Gibxi keessatti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
EXO 12:2 “Jiʼi kun jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu; innis waggaa keessaa jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu.
EXO 12:3 Jiʼa kana keessa bultii kurnaffaatti tokkoon tokkoon namaa xobbaallaa hoolaa tokko akkuma manneen abbootii isaaniitti tokkoo tokkoo manaatii fi xobbaallaa hoolaa tokko akka fudhatu guutummaa hawaasa Israaʼelitti himaa.
EXO 12:4 Yoo warri mana tokko jiraatan muraasa taʼanii hoolaa tokko guutummaatti fixuu baatan, isaan akkuma baayʼina namoota achi jiraataniitti ollaa isaanitti aanu wajjin haa qoodatan. Isinis akkuma waan tokkoon tokkoon namaa nyaachuu dandaʼuutti xobbaallaa hoolaa hammam akka barbaachisu murteessuu qabdu.
EXO 12:5 Xobbaallaan keessan ilmoo hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne taʼuu qaba; xobbaallaa sanas hoolota keessaa yookaan reʼoota keessaa fudhachuu dandeessu.
EXO 12:6 Xobbaallaa sanas hamma bultii kudha afuraffaa jiʼa kanaatti eegaa; yaaʼiin waldaa Israaʼel guutuunis galgala sana xobbaallaa sana haa qalatu.
EXO 12:7 Ergasii immoo dhiiga sana irraa xinnoo fuudhanii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu kan mana itti xobbaallaa sana nyaatanii haa diban.
EXO 12:8 Isaanis halkanuma sana foon sana ibiddaan waaddatanii biqiltuu hadhooftuu fi maxinoon haa nyaatan.
EXO 12:9 Ibiddaan waaddadhaatii nyaadhaa malee foon dheedhii yookaan kan bishaaniin affeelame hin nyaatinaa; mataa isaa, lukaa fi miʼa garaa wajjin waaddadhaatii nyaadhaa.
EXO 12:10 Hamma lafti bariitutti homaa hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafu garuu gubaa.
EXO 12:11 Haalli isin itti nyaattanis kunoo ti; mudhii keessan hidhadhaa; kophee keessan miillatti kaaʼadhaa; ulee keessan illee harkatti qabadhaatii jarjarsuun nyaadhaa; inni Faasiikaa Waaqayyoo ti.
EXO 12:12 “Anis halkanuma sana Gibxi keessa nan darba; hangafa Gibxis namaa fi horii nan dhaʼa; waaqota Gibxi hundattis nan mura; ani Waaqayyo.
EXO 12:13 Dhiigni sunis manneen isin keessa jiraattan irratti mallattoo isinii taʼa; ani yommuun dhiiga sana argutti isin irra nan darba. Yeroo ani biyya Gibxi dhaʼuttis dhaʼichi badiisaa tokko iyyuu isin hin tuqu.
EXO 12:14 “Guyyaan kun guyyaa yaadannoo isiniif haa taʼu; akka ayyaanaatti Waaqayyoof ni ayyaaneffattu; dhaloota keessan hunda keessattis sirna bara baraa godhattanii ni eegdu.
EXO 12:15 Isin bultii torba maxinoo nyaachuu qabdu; guyyaa jalqabaatti mana keessanii raacitii baasaa gataa; namni kam iyyuu guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti yoo buddeena bukaaʼe nyaate saba Israaʼel keessaa haa balleeffamu.
EXO 12:16 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; wal gaʼii qulqulluu biraa immoo guyyaa torbaffaatti qabaadhaa. Waan namni hundi nyaatu qopheessuu malee guyyoota kanneen hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa; wanni isin hojjechuu dandeessan kanuma.
EXO 12:17 “Sababii guyyaan ani itti raayyaa keessan Gibxi keessaa baase guyyuma kana taʼeef Ayyaana Maxinoo kana ayyaaneffadhaa; guyyaa kanas sirna bara baraa godhadhaatii dhaloota keessan hunda keessatti ayyaaneffadhaa.
EXO 12:18 Isin jiʼa jalqabaa keessa galgala bultii kudha afuraffaadhaa hamma galgala guyyaa digdamii tokkoffaatti maxinoo nyaattu.
EXO 12:19 Bultii torbaaf raacitiin tokko illee mana keessanitti hin argamin; alagaas taʼu dhalataan biyyaa, namni waan raacitii qabu nyaatu kam iyyuu waldaa Israaʼel keessaa haa balleeffamu.
EXO 12:20 Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa; lafa jiraattan hundatti Maxinoo nyaadhaa.”
EXO 12:21 Museen maanguddoota Israaʼel hunda ofitti waamee akkana jedheen; “Dhaqaatii maatii keessaniif xobbaallaa filadhaatii Faasiikaa qalaa.
EXO 12:22 Hiisophii qabaa tokkoo fuudhaa; dhiiga waciitii keessa jiru sana keessa cuuphaatii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu dibaa. Isin keessaa namni tokko iyyuu hamma lafti bariitutti balbala mana ofii isaatii gad hin baʼin.
EXO 12:23 Waaqayyo yeroo warra Gibxi dhaʼuuf biyyattii keessa darbutti michichila balbalaa lamaan irrattii fi buusaa balbalaa isa ol aanu irratti dhiiga sana argee balbala sana bira darba; akka inni waa balleessu sun mana keessan seenee isin ajjeesus hin eeyyamuuf.
EXO 12:24 “Isinis qajeelfama kana akka seera bara baraa kan isinii fi sanyii keessaniif kennameetti kabajaa.
EXO 12:25 Isinis yeroo biyya Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti isinii kennu seentanitti sirna kana eegaa.
EXO 12:26 Yommuu ijoolleen keessan, ‘Sirni kun isiniif hiikkaa maalii qaba?’ jedhanii isin gaafatanitti,
EXO 12:27 akkana jedhaa isaanitti himaa; ‘Kun qalma Faasiikaa Waaqayyoo ti; inni yeroo warra Gibxi dhaʼetti manneen Israaʼeloota Gibxi keessa turan sanaa irra darbee manneen keenya nuuf oolcheeraatii.’ ” Kana irratti namoonni gad jedhanii waaqeffatan.
EXO 12:28 Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
EXO 12:29 Halkan walakkaatti Waaqayyo ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu hangafaa jalqabee hamma ilma namicha boolla mana hidhaa keessa jiru hangafaatti hangafoota Gibxi hunda dhaʼe; hangafoota horiis akkasuma dhaʼe.
EXO 12:30 Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa hundi, warri Gibxi hundis halkaniin kaʼan; sababii manni namni keessaa hin duʼin tokko iyyuu hin turiniif booʼicha guddaatu Gibxi keessa ture.
EXO 12:31 Faraʼoonis halkan sanaan Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedhe; “Kaʼaa! Isinii fi Israaʼeloonni saba koo keessaa baʼaa! Akkuma gaafattan sana dhaqaatii Waaqayyoon waaqeffadhaa.
EXO 12:32 Akkuma jettan sana bushaayee fi loon keessan fudhadhaatii deemaa; anas eebbisaa.”
EXO 12:33 Warri Gibxis akka sabni sun dafee biyya sanaa baʼu jarjarsan; isaanis, “Yoo kanaa achii nu hundi ni dhumnaa” jedhan.
EXO 12:34 Kanaafuu sabni sun bukoo isaanii utuu hin bukaaʼin fudhatanii, qodaa bukoo isaaniis wayyaa isaaniitiin maranii gatiittiitti baadhatan.
EXO 12:35 Israaʼeloonnis akkuma Museen isaanitti hime sana godhan; isaanis miʼa meetiitii fi warqee, wayyaas warra Gibxi gaafatan.
EXO 12:36 Sababii Waaqayyo fuula warra Gibxi duratti Israaʼelootaaf surraa kenneef, warri Gibxi waan isaan gaafatan hunda kennaniif; isaanis akkasiin qabeenya warra Gibxi boojiʼanii baʼan.
EXO 12:37 Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukootitti qajeelan. Isaanis nadheenii fi ijoollee malee namoota lafoo gara kuma dhibba jaʼa turan.
EXO 12:38 Uummanni walitti makame hedduun, akkasumas horiin jechuunis bushaayee fi loon baayʼeen isaan wajjin baʼan.
EXO 12:39 Isaanis bukoo Gibxi fudhatanii dhufan sana irraa Maxinoo tolfatan. Sababii isaan jarjarsuudhaan Gibxi keessaa baafamanii yeroo itti nyaata qopheeffatan illee dhabaniif bukoon sun raacitii hin qabu ture.
EXO 12:40 Barri Israaʼeloonni Gibxi keessa jiraatan waggaa 430 ture.
EXO 12:41 Dhuma waggaa 430 sanaatti guyyuma sana raayyaan Waaqayyoo hundi biyya Gibxiitii baʼe.
EXO 12:42 Waaqayyo Gibxi keessaa isaan baasuudhaaf dammaqee halkan sana waan isaan eegeef, halkan kun Israaʼeloota hundumaaf halkan itti Waaqayyoof ulfina kennuudhaaf dammaqanii eeganii dha.
EXO 12:43 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Seerri Faasiikaa kanaa dha: “Ormi tokko iyyuu isa irraa hin nyaatin.
EXO 12:44 Garbichi bitame kam iyyuu erga dhagna qabdanii booddee haa nyaatu;
EXO 12:45 keessummaan yookaan namni hojjetaan qacarame garuu hin nyaatin.
EXO 12:46 “Hoolaan sun manuma tokko keessatti haa nyaatamu; foon isaa tokko iyyuu manaa gad hin baasinaa. Lafee isaa keessaas tokko iyyuu hin cabsinaa.
EXO 12:47 Waldaan Israaʼel hundis ayyaana kana haa ayyaaneffatu.
EXO 12:48 “Ormi isin wajjin jiraatu yoo Faasiikaa Waaqayyoo ayyaanessuu barbaade inni dhiirota mana isaa jiraatan hunda dhagna haa qabu; ergasiis akkuma dhalataa biyyaatti ayyaanicha haa ayyaanessu. Dhiirri dhagna hin qabatin tokko iyyuu garuu hoolaa sana hin nyaatin.
EXO 12:49 Dhalataa biyyaatiifis taʼu orma isin gidduu jiraatuuf seerri tokkuma.”
EXO 12:50 Israaʼeloonni hundis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
EXO 12:51 Waaqayyos gaafuma sana kutaa kutaa isaaniitiin Israaʼeloota biyya Gibxi keessaa baase.
EXO 13:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 13:2 “Dhiira hangafa hunda addaan naa baasi; Israaʼeloota keessaa namas taʼu horiin hangafni gadameessa banu kam iyyuu kan koo ti.”
EXO 13:3 Yommus Museen uummataan akkana jedhe; “Sababii Waaqayyo irree jabaadhaan achii isin baaseef guyyaa itti mana garbummaatii Gibxi keessaa baatan kana yaadadhaa. Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa.
EXO 13:4 Isin jiʼa Abiibii keessa guyyaa harʼaa baatan.
EXO 13:5 Yeroo Waaqayyo gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, biyya Hiiwotaa fi Yebuusotaatti jechuunis biyya aannanii fi damma baasu kan inni akka siif kennu abbootii keetiif kakate sanatti si galchutti ati jiʼa kana keessa ayyaana kana ayyaaneffatta;
EXO 13:6 ati bultii torba Maxinoo nyaatta; guyyaa torbaffaatti immoo ayyaana Waaqayyoo taʼa.
EXO 13:7 Guyyaa torban sana Maxinoo nyaadhu; wanni raacitii qabu tokko iyyuu si biratti hin argamin; daangaa kee hunda keessattis raacitiin hin argamin.
EXO 13:8 Gaafas, ‘Ani waan Waaqayyo yeroo ani Gibxi keessaa baʼetti naa godhe sanaaf jedhee waan kana godha’ jedhiitii ilma keetti himi.
EXO 13:9 Sirni kunis akka seerri Waaqayyoo arraba kee irra jiraatuuf harka kee irratti akka mallattoo, adda kee irratti immoo akka yaadannoo siif taʼa. Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan Gibxii si baaseetii.
EXO 13:10 Atis sirna kana wagguma waggaan yeroo isaatti eeguu qabda.
EXO 13:11 “Yommuu Waaqayyo akkuma siʼii fi abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya Kanaʼaanotaatti si galchee biyyattii siif kennutti,
EXO 13:12 ati hangafa gadameessa banu hunda Waaqayyoof kennita. Kormi horii keetii hangafni hundinuus kan Waaqayyoo ti.
EXO 13:13 Harree hangafa kam iyyuu ilmoo hoolaatiin furi; yoo furuu baatte garuu morma isaa cabsi. Ilmaan kee keessaas hangafa kam iyyuu furi.
EXO 13:14 “Bara dhufuuf jiru keessa yoo ilmi kee, ‘Kun maal jechuu dha?’ jedhee si gaafate ati akkana jedhiin; ‘Waaqayyo harka jabaadhaan Gibxii, mana garbummaa keessaa nu baase.
EXO 13:15 Yommuu Faraʼoon mataa jabaatee gad nu dhiisuu didetti, Waaqayyo hangafa Gibxi hunda namaa fi horii ajjeese. Sababiin ani korma hangafa gadameessa banu hunda Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuu fi sababiin ani ilmaan koo keessaa hangafa hunda furuuf kanuma.’
EXO 13:16 Waaqayyo irree jabaadhaan Gibxii nu baasuu isaatiif wanni kun harka kee irratti mallattoo, adda kee irrattis mallattoo taʼa.”
EXO 13:17 Yeroo Faraʼoon saba sana gad dhiisetti karichi gabaabaa taʼu iyyuu Waaqni karaa biyya Filisxeem irra isaan hin qajeelchine; sababiin isaas Waaqni, “Isaan yoo waraanni isaan mudate yaada geeddarratanii Gibxitti deebiʼuu dandaʼan” jedhee ti.
EXO 13:18 Kanaafuu Waaqni karaa naannoo gammoojjiitiin gara Galaana Diimaatti saba sana qajeelche. Israaʼeloonnis waraanaaf qophaaʼanii biyya Gibxiitii baʼan.
EXO 13:19 Sababii Yoosef, “Waaqni dhugumaan isin gargaara; isinis gaafas lafee koo asii fuudhaa baʼaa” jedhee Israaʼeloonni kakachiisee tureef Museen lafee Yoosef fuudhee baʼe.
EXO 13:20 Isaanis Sukootii kaʼanii Eetaam keessa qarqara gammoojjii qubatan.
EXO 13:21 Waaqayyo akka isaan halkanii guyyaa deemuu dandaʼaniif guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura deemee karaa isaan argisiise; halkan immoo isaaniif ibsuuf jedhee utubaa ibiddaatiin isaan dura deemaa ture.
EXO 13:22 Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa, utubaan ibiddaa immoo halkan halkan uummata duraa hin dhabamne ture.
EXO 14:1 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 14:2 “Akka isaan of irra garagalanii Phii Hahiiroti bira, Migdoolii fi galaana gidduu qubatan Israaʼelootatti himi. Isaan fuullee Baʼaal Zefoon, galaana cina qubachuu qabu.
EXO 14:3 Faraʼoonis, ‘Israaʼeloonni burjaajaʼanii biyya keessa jooraa jiru; gammoojjiin isaan marseera’ jedhee yaade.
EXO 14:4 Anis garaa Faraʼoon nan jabeessa; inni faana dhaʼee isaan duukaa buʼa. Anis karaa Faraʼooniitii fi karaa loltoota isaa hundaatiin ofii kootiif ulfina nan argadha; warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.” Israaʼeloonnis akkasuma godhan.
EXO 14:5 Mootiin Gibxi akka sabni sun baqatee baʼe yommuu itti himametti Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa yaada waaʼee saba sanaa qaban geeddarratanii, “Akka sabni Israaʼel nu tajaajiluu dhiisee deemuuf gad dhiisuun keenya maal gochuu keenya?” jedhan.
EXO 14:6 Innis gaarii isaa qopheeffatee, loltoota isaas fudhatee kaʼe.
EXO 14:7 Gaariiwwan filatamoo dhibba jaʼa, gaariiwwan Gibxi biraa hunda kanneen ajajjuuwwan isaan hunda irra jiran fudhatee kaʼe.
EXO 14:8 Waaqayyos Faraʼoon mooticha Gibxi mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota warra sodaa malee baʼaa turan sana duukaa buʼee ariʼe.
EXO 14:9 Warri Gibxis fardeenii fi gaariiwwan Faraʼoon hundi, abbootiin fardaatii fi loltoonni lafoon Israaʼeloota duukaa buʼanii isaanii Phii Hahiiroti bira fuullee Baʼaal Zefoon qarqara galaanaa qubatanii jiran qaqqaban.
EXO 14:10 Yeroo Faraʼoon itti dhiʼaatettis Israaʼeloonni ol ilaalanii kunoo warri Gibxi dugda duubaan isaan faana dhufan argan. Isaanis sodaatanii Waaqayyotti iyyatan.
EXO 14:11 Isaanis Museedhaan akkana jedhan; “Ati waan iddoon awwaalaa Gibxi hin jirreef akka nu gammoojjii keessatti dhumnuuf as nu fiddee? Ati Gibxi nu baasuun kee maal nu gochuu kee ti?
EXO 14:12 Nu Gibxi keessatti, ‘Akka warra Gibxi tajaajilluuf nu dhiisi’ siin hin jennee? Gammoojjii keessatti dhumuu irra warra Gibxi tajaajiluu nuu wayya ture!”
EXO 14:13 Museen akkana jedhee saba sanaaf deebise; “Hin sodaatinaa; jabaadhaa dhaabadhaa! Fayyisuu Waaqayyoo kan inni harʼa isinii godhu ilaalaa! Warra Gibxi kan harʼa argitan kana lammata deebitanii hin argitan.
EXO 14:14 Waaqayyo isiniif lola; isin gab jedhaa.”
EXO 14:15 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati maaliif natti iyyita? Akka isaan adeemsa isaanii itti fufaniif Israaʼelootatti himi.
EXO 14:16 Ulee kee ol fuudhiitii harka kee galaana irra diriirfadhu; akka Israaʼeloonni lafa gogaa irra galaana gidduu darbaniif bishaan gargari qoodi.
EXO 14:17 Ani immoo akka isaan dugda isaanii duubaan seenaniif garaa warra Gibxi nan jabeessa. Anis Faraʼoonii fi loltoota isaa hunda irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina nan argadha.
EXO 14:18 Yeroo ani Faraʼoon irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina argadhutti warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
EXO 14:19 Yommus ergamaan Waaqayyoo kan saba Israaʼel dura deemaa ture sun kaʼee gara dugda isaanii duubaatti darbe. Utubaan duumessaa sunis fuula isaanii duraa kaʼee isaan duuba dhaabate;
EXO 14:20 utubaan sunis loltoota Gibxii fi loltoota Israaʼel gidduu seene. Duumessi sun halkan sana gama tokkotti dukkana, gama kaanitti immoo ifa fide; kanaafuu halkan sana guutuu garee lamaan keessaa tokko illee garee kaanitti hin dhiʼaanne.
EXO 14:21 Museenis harka isaa galaana irra diriirfate; Waaqayyos halkan sana guutuu bubbee baʼa biiftuu jabaadhaan galaanicha gara duubaatti deebisee galaanicha lafa gogaa godhe. Bishaan sunis gargari qoodame;
EXO 14:22 Israaʼeloonnis galaanicha gidduu lafa gogaa irra darban; bishaanichis karaa mirgaa isaaniitii fi karaa bitaa isaanii keenyan taʼeef.
EXO 14:23 Warri Gibxi isaan duukaa buʼanii fardeen Faraʼoon, gaariiwwan isaatii fi abbootiin fardaa isaa galaana seenan.
EXO 14:24 Yommuu lafti bariʼetti Waaqayyo utubaa ibiddaatii fi duumessaa keessaa loltoota Gibxi sana gad ilaalee gara itti goran isaan wallaalchise.
EXO 14:25 Akka isaan rakkinaan oofaniifis gommaa gaariiwwan isaanii irraa baase. Warri Gibxis, “Waan Waaqayyo gama Israaʼelootaa dhaabatee warra Gibxi lolaa jiruuf kottaa isaan duraa baqannaa” jedhan.
EXO 14:26 Waaqayyos Museedhaan, “Akka bishaanonni warra Gibxi irra, gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaanii irra garagalaniif harka kee galaana irratti diriirsi” jedhe.
EXO 14:27 Museenis harka isaa galaanicha irratti diriirse; yeroo lafti bariʼettis galaanni sun iddoo isaatti deebiʼe. Warri Gibxis bishaan sana jalaa baqatan; Waaqayyos haxaaʼee galaanatti isaan naqe.
EXO 14:28 Bishaan sun iddoo isaatti deebiʼee gaariiwwanii fi abbootii fardaa jechuunis loltoota Faraʼoon kanneen Israaʼeloota duukaa buʼanii galaana seenan sana hunda liqimse. Isaan keessaas namni tokko iyyuu hin hafne.
EXO 14:29 Israaʼeloonni garuu bishaanichi karaa mirga isaaniitii fi karaa bitaa isaaniitiin keenyan taʼeefii galaanicha keessa lafa gogaa irra darban.
EXO 14:30 Gaafas Waaqayyo harka warra Gibxi jalaa Israaʼeloota baase; warri Israaʼelis reeffa warra Gibxi qarqara galaanaatti argan.
EXO 14:31 Israaʼeloonnis yommuu humna guddaa kan Waaqayyo warra Gibxi irratti mulʼise sana arganitti, Waaqayyoon sodaatan; isaanis Waaqayyoo fi tajaajilaa isaa Musee amanan.
EXO 15:1 Yommus Musee fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfatan: “Ani Waaqayyoof nan faarfadha; inni ol ol jedheeraatii. Inni fardaa fi namicha farda yaabbate galaanatti gad darbateera.
EXO 15:2 “Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera. Inni Waaqa koo ti; anis isa nan jajadha; inni Waaqa abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.
EXO 15:3 Waaqayyo goota waraanaa ti; maqaan isaa Waaqayyo.
EXO 15:4 Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaa galaanatti gad darbateera. Qondaaltota Faraʼoon keessaa filatamtoonni, Galaana Diimaa keessa dhidhimaniiru.
EXO 15:5 Tuujubni isaan irra gara gale; isaanis akkuma dhagaa tuujubatti gad dhidhiman.
EXO 15:6 Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa humnaan ulfina qabeessa. Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa diina ni hurreessa.
EXO 15:7 “Ati guddina ulfina keetiitiin warra siin morman gad darbatte. Aarii kee bobaʼaa ni ergite; innis akkuma habaqiitti gubee isaan fixe.
EXO 15:8 Hafuura funyaan keetiitiin bishaanonni tuulaman. Bishaan yaaʼu akkuma keenyaniitti ol dhaabate; tuujuboonnis walakkaa galaanaatti ititan.
EXO 15:9 Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba. Boojuu nan qoodadha; ani isaan irratti fedhii koo nan guutadha. Goraadee koo nan luqqifadha; harki koo isaan barbadeessa’ jedhee nan dhaadate.
EXO 15:10 Ati garuu bubbee kee itti bubbifte; galaanni immoo isaan irra gara gale. Isaanis akkuma sibiilaa bishaanota jajjaboodhaan liqimfaman.
EXO 15:11 Yaa Waaqayyo, waaqota keessaa eenyutu si fakkaata? Qulqullinaan simboo qabeessi, ulfinaan sodaachisaan, hojii dinqii hojjechuuttis kan akka keetii eenyu?
EXO 15:12 “Ati harka kee mirgaa diriirfannaan, lafti isaan liqimsite.
EXO 15:13 Ati saba furte sana, jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita. Jabina keetiinis gara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita.
EXO 15:14 Saboonni dhagaʼanii hollatu; muddamsuunis saba Filisxeem qabate.
EXO 15:15 Hangafoonni Edoom ni rifatu; bulchitoota Moʼaabis naasuutu qabata; warri Kanaʼaanis bishaanuma taʼu;
EXO 15:16 sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa. Yaa Waaqayyo, hamma sabni kee darbutti, hamma sabni ati bitatte sun darbutti jabina harka keetiitiin isaan akkuma dhagaa calʼisu.
EXO 15:17 Yaa Waaqayyo, ati gara tulluu dhaala keetiitti, gara lafa iddoo jireenya keetii godhachuuf tolfatteetti, yaa Gooftaa ati gara iddoo qulqulluu harki kee hundeesseetti ol galchitee isaan dhaabda.
EXO 15:18 “Waaqayyo, bara baraa hamma bara baraatti moʼa.”
EXO 15:19 Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti Waaqayyo bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban.
EXO 15:20 Miiriyaam obboleettiin Aroon raajittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan.
EXO 15:21 Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte: “Waaqayyo faarfadhaa; inni ulfinaan moʼateeraatii. Inni fardaa fi namicha farda yaabbate galaanatti gad darbateera.”
EXO 15:22 Museenis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman.
EXO 15:23 Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma.
EXO 15:24 Jarri sunis, “Nu maal haa dhugnuu?” jedhanii Museetti guunguman.
EXO 15:25 Yommus Museen Waaqayyotti iyyinaan, Waaqayyo muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe. Waaqayyos iddoo sanatti sirnaa fi seera isaaniif baase; achittis isaan qore.
EXO 15:26 Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”
EXO 15:27 Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan.
EXO 16:1 Waldaan Israaʼel hundi biyya Gibxiitii baʼanii jiʼa lammaffaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha shanaffaatti Eeliimii kaʼanii gara gammoojjii Siin isa Eelimii fi Siinaa gidduu jiru sanaa dhaqan.
EXO 16:2 Gammoojjii keessattis hawaasni sun guutuun Musee fi Aroonitti guunguman.
EXO 16:3 Israaʼeloonnis akkana isaaniin jedhan; “Nu biyya Gibxitti yeroo okkotee foonii bira teenyee hamma quufnutti buddeena nyaachaa turre sana harka Waaqayyootti utuu duuneerra taʼee! Isin garuu akka waldaan kun guutuun beelaʼee dhumu gochuuf achii nu baaftanii gammoojjii kanatti nu fiddaniirtu.”
EXO 16:4 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, ani samii irraa buddeena gad isinii nan roobsa. Sabni sunis guyyuma guyyaan gad baʼee waan guyyaa tokkoof isa gaʼu walitti haa qabatu. Anis karaa kanaan isaan qoree seera koo eeguu fi eeguu baachuu isaanii nan ilaala.
EXO 16:5 Isaanis guyyaa jaʼaffaatti waan walitti qabatan sana haa qopheeffatan; wanni kunis waan isaan guyyaa biraa walitti qabatanitti harka lama haa taʼu.”
EXO 16:6 Musee fi Aroon Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Kan biyya Gibxiitii isin baase Waaqayyo akka taʼe galgala kana ni beektu.
EXO 16:7 Ganama immoo ulfina Waaqayyoo argitu; inni akka isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyu taanaan isin nutti guungumtu?”
EXO 16:8 Museenis akkana jedhe; “Yeroo inni akka isin nyaattaniif galgala foon, ganama immoo buddeena isin barbaaddan hunda isinii kennutti isin akka inni Waaqayyo taʼe ni beektu; inni guungummii isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyuu dha? Isin Waaqayyotti guungumaa jirtu malee nutti hin guungumne.”
EXO 16:9 Yommus Museen, “Waldaa Israaʼel hundaan, ‘Sababii inni akka isin guungumtan dhagaʼeef isin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaadhaa’ jedhi” jedhee Aroonitti hime.
EXO 16:10 Yeroo Aroon guutummaa waldaa saba Israaʼelitti dubbachaa turetti isaan gara gammoojjii ilaalaa turan; kunoo, ulfinni Waaqayyoo duumessa keessaan mulʼate.
EXO 16:11 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
EXO 16:12 “Ani guungummii saba Israaʼel dhagaʼeera. Ati immoo, ‘Isin yeroo lafti dimimmisooftutti foon nyaattu; ganama immoo buddeena nyaattanii quuftu. Isinis yeroo sana akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu’ jedhii isaanitti himi.”
EXO 16:13 Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo qubannaa sana guutte; guyyaa itti aanu ganama immoo fixeensi naannoo qubannaa sanaa ture.
EXO 16:14 Yommuu fixeensi buʼettis, kunoo wantoonni haphiin akka qorraa lafa irraa addaatan dirree gammoojjii irra bubbuʼan.
EXO 16:15 Israaʼeloonnis yommuu waan kana arganitti, “Wanni kun maali?” waliin jedhan. Isaan wanni sun maal akka taʼe hin beekne tureetii. Museenis akkana isaaniin jedhe; “Wanni kun buddeena akka isin nyaattaniif Waaqayyo isiniif kennee dha.
EXO 16:16 Waaqayyo akkana jedhee ajajeera: ‘Tokkoon tokkoon namaa hamma barbaadu walitti haa qabatu. Akkuma baayʼina nama dunkaana keessan keessaatti tokkoo tokkoo namaatiif gomoorii tokko fudhadhaa.’ ”
EXO 16:17 Israaʼeloonni akkuma isaanitti himame godhan; garri tokko baayʼee, warri kaan immoo xinnoo walitti qabatan.
EXO 16:18 Yommuu isaan gomooriidhaan safaranitti isa baayʼee walitti qabate irraa hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis hin hirʼanne. Tokkoon tokkoon namaa hammuma barbaadu walitti qabate.
EXO 16:19 Museenis, “Namni tokko iyyuu waan walitti qabate keessaa tokko illee ganamaaf hin bulfatin” jedheen.
EXO 16:20 Taʼus isaan keessaa namoonni tokko tokko Musee hin dhageenye; waan walitti qabatan keessaas gartokko ganamaaf bulfatan; innis raammaʼee ajaaʼe. Kanaafuu Museen isaanitti aare.
EXO 16:21 Tokkoon tokkoon namaa ganama ganama hammuma barbaadu walitti qabate; innis yommuu aduun hoʼitetti baqee bade.
EXO 16:22 Guyyaa jaʼaffaatti jarri harka lama jechuunis mata mataatti gomoorii lama walitti qabatan; hooggantoonni waldichaa hundis dhaqanii Museetti himan.
EXO 16:23 Innis akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedhee ajaje: ‘Bor guyyaa sanbata boqonnaa taʼa; innis sanbata Waaqayyoof qulqullaaʼee dha. Waan tolfachuu barbaaddan tolfadhaa; waan affeelachuu barbaaddanis affeeladhaa. Waan irraa hafu hunda immoo hamma ganamaatti turfadhaa.’ ”
EXO 16:24 Jarris akkuma Museen isaan ajajetti hamma ganamaatti turfatan; nyaanni sunis hin ajoofne yookaan hin raammofne.
EXO 16:25 Museenis akkana jedhe; “Waan guyyaan harʼaa sanbata Waaqayyoo taʼeef nyaata kana harʼa nyaadhaa; isin harʼa dirree irratti isa hin argattan.
EXO 16:26 Isinis nyaata sana guyyaa jaʼa walitti qabadhaa; guyyaa torbaffaatti jechuunis guyyaa Sanbataatiin garuu tokko iyyuu hin argamu.”
EXO 16:27 Jara sana keessaa namoonni tokko tokko immoo guyyaa torbaffaatti walitti qabachuuf gad baʼan; garuu homaa hin arganne.
EXO 16:28 Kana irratti Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Isin hamma yoomiitti ajaja koo fi qajeelfama koo eeguu diddu?
EXO 16:29 Waaqayyo Sanbata akka isinii kenne hubadhaa. Sababiin inni guyyaa jaʼaffaatti buddeena guyyaa lamaaf taʼu isinii kennuufis kanuma. Namni hundinuu guyyaa torbaffaatti idduma jiru haa turu. Namni tokko iyyuu gad hin baʼin.”
EXO 16:30 Sabni sunis guyyaa torbaffaatti ni boqote.
EXO 16:31 Sabni Israaʼel buddeena sana “mannaa” jedhee moggaase. Mannaan kunis sanyii dinbilaalaa fakkaata; adiidhas; miʼaan isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ti.
EXO 16:32 Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedhee ajaje: ‘Akka inni dhaloota dhufuuf turfamuuf Mannaa gomoorii tokko fuudhaa; kunis akka isaan buddeena ani yeroo biyya Gibxi keessaa isin baasetti akka isin gammoojjii keessatti nyaattaniif isinii kenne sana arganiif.’ ”
EXO 16:33 Museen Arooniin, “Okkotee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti naqi; akka mannaan kun dhaloota dhufuuf turfamuuf fuula Waaqayyoo dura kaaʼi” jedhe.
EXO 16:34 Aroonis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti akka mannaan sun turfamuuf fuula Dhugaa Baʼuu dura kaaʼe.
EXO 16:35 Sabni Israaʼel hamma biyya keessa qubatamu sana gaʼanitti waggaa afurtama mannaa nyaatan; isaanis hamma daarii biyya Kanaʼaan gaʼanitti mannaa nyaatan.
EXO 16:36 Gomooriin tokko harka kurnaffaa iifii tokkoo ti.
EXO 17:1 Waldaan ijoollee Israaʼel hundi akkuma Waaqayyo ajajetti Gammoojjii Siiniitii kaʼanii iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti darbaa dhaqanii Refiidiim qubatan. Garuu sabni sun bishaan dhugaatii hin arganne.
EXO 17:2 Kanaafuu isaan, “Bishaan dhugnu nuu kenni” jedhanii Musee lolan. Museen immoo deebisee, “Isin maaliif na loltu? Waaqayyos maaliif qortu?” jedheen.
EXO 17:3 Jarris bishaan dheebotanii Museetti guunguman; akkanas jedhan; “Ati maaliif akka nu, ijoolleen keenyaa fi horiin keenya dheebuun dhumnuuf biyya Gibxiitii nu baafte?”
EXO 17:4 Kana irratti Museen gara Waaqayyootti iyyee, “Ani saba kana maal godha? Isaan dhagaan na tumuuf xinnumatu hafe” jedhe.
EXO 17:5 Waaqayyo immoo akkana jedhee Museef deebii kenne; “Saba kana dura darbii deemi. Maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko of faana fudhadhuutii ulee ittiin laga Abbayyaa dhoofte sana harkatti qabadhuu deemi.
EXO 17:6 Kunoo ani kattaa Kooreeb sana bira fuula kee dura achi nan dhaabadha; akka namoonni bishaan dhuganiif ati kattaa sana dhaʼi; bishaanis isa keessaa ni baʼa.” Kanaafuu Museen fuula maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma godhe.
EXO 17:7 Sababii Israaʼeloonni lola kaasanii fi sababii isaan, “Waaqayyo nu wajjin jira moo hin jiru?” jechuudhaan Waaqayyoon qoraniif Museen iddoo sana Maasaahii fi Mariibaa jedhee moggaase.
EXO 17:8 Amaaleqoonni dhufanii Refiidiimitti Israaʼeloota lolan.
EXO 17:9 Museenis Iyyaasuudhaan, “Namoota keenya keessaa muraasa filadhuutii dhaqii Amaaleqoota loli. Ani bor ulee Waaqaa harka kootti qabadhee fiixee gaara irra nan dhaabadha” jedhe.
EXO 17:10 Yeroo Museen, Aroonii fi Huuri fiixee gaaratti ol baʼanitti, Iyyaasuun akkuma Museen ajajetti Amaaleqoota lola ture.
EXO 17:11 Yeroo Museen harka isaa ol qabatutti Israaʼeloonni ni moʼatu turan; yeroo inni harka isaa gad buufatu immoo Amaaleqoonni ni moʼatu turan.
EXO 17:12 Isaanis yeroo harki Musee dadhabaa deemetti dhagaa tokko fuudhanii isa jala kaaʼan; innis irra taaʼe. Aroonii fi Huuri inni tokko garanaan inni kaan immoo garasiin goranii akka harki isaa hamma aduun dhiitutti gad hin deebineef ol qabaniif.
EXO 17:13 Akkasiin Iyyaasuun loltoota Amaaleqootaa goraadeedhaan moʼate.
EXO 17:14 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka wanni kun yaadatamuuf kitaabatti barreessi; Iyyaasuun waan kana dhagaʼuu isaa mirkaneessi; ani guutumaan guutuutti yaadannoo Amaaleqootaa samii jalaa nan balleessaatii.”
EXO 17:15 Museenis iddoo aarsaa ijaaree, “Waaqayyo Faajjii koo ti” jedhee moggaase.
EXO 17:16 Innis, “Harki gara teessoo Waaqayyootti ol kaafameera. Waaqayyos dhaloota tokkoo gara dhaloota kaaniitti Amaaleqoota ni lola” jedhe.
EXO 18:1 Yetroo lubichi Midiyaaniitii fi abbaan niitii Musee sun waan Waaqni Musee fi saba isaa Israaʼeliif godhe hunda, akkasumas akka Waaqayyo itti Israaʼelin Gibxii baase dhagaʼe.
EXO 18:2 Erga Museen niitii isaa Ziphooraa ergee booddee Yetroo abbaan niitii Musee, ishee fi
EXO 18:3 ilmaan ishee lamaan simate. Maqaan ilma isaa tokkoo Geershoom jedhame; Museen, “Ani biyya ormaa keessatti alagaa taʼeera” jedheeraatii.
EXO 18:4 Kaan immoo, “Waaqni abbaa kootii gargaaraa kooti; inni goraadee Faraʼoon jalaa na baaseera” jechuudhaan Eliiʼezer jedhee moggaase.
EXO 18:5 Yetroon abbaan niitii Musees niitii Museetii fi ilmaan Musee wajjin gammoojjii keessatti gara tulluu Waaqaa iddoo Museen qubatee jirutti isa bira dhufe.
EXO 18:6 Yetroonis, “Ani abbaan niitii keetii Yootoor niitii keetii fi ilmaan ishee lamaan wajjin gara kee dhufaa jira” jedhee dhaamsa itti ergee ture.
EXO 18:7 Museenis abbaa niitii isaa simachuuf gad baʼe; gad jedhees harka fuudhee isa dhungate. Isaanis nagaa wal gaafatanii dunkaana seenan.
EXO 18:8 Museen waan Waaqayyo sababii saba Israaʼeliif jedhee Faraʼoonii fi warra Gibxi irratti hojjete, rakkina karaa irratti isaan mudate hundaa fi akka itti Waaqayyo isaan oolche abbaa niitii isaatti hime.
EXO 18:9 Yetroonis waan gaarii Waaqayyo harka warra Gibxi keessaa isaan baasuudhaan saba Israaʼeliif godhe hundaaf ni gammade.
EXO 18:10 Innis akkana jedhe; “Waaqayyo harka warra Gibxii fi harka Faraʼoon keessaa isin baasee fi inni saba sana harka warra Gibxiitii baase sun haa eebbifamu.
EXO 18:11 Ani amma akka Waaqayyo waaqota kaan hunda caalaa guddaa taʼe nan beeka; inni warra of tuulummaadhaan Israaʼelin rakkisan irratti waan kana raawwateeraatii.”
EXO 18:12 Yommus Yetroon abbaan niitii Musee sun aarsaa gubamuu fi aarsaa biraa Waaqaaf fide; Aroonis fuula Waaqaa duratti Musee fi abbaa niitii Musee wajjin buddeena nyaachuuf maanguddoota Israaʼel hunda wajjin dhufe.
EXO 18:13 Guyyaa itti aanutti Museen sabaaf murtii kennuuf taaʼe; sabni sunis ganamaa hamma galgalaatti naannoo isaa dhaabate.
EXO 18:14 Abbaan niitii isaas yommuu waan Museen sabaaf hojjetu hunda argetti, “Wanni ati sabaaf hojjettu kun maali? Ati maaliif kophaa kee teessee sabni kun immoo ganamaa hamma galgalaatti naannoo kee dhadhaabata?” jedhe.
EXO 18:15 Museen immoo akkana jedhee deebiseef; “Sabni kun fedhii Waaqaa barbaacha gara koo dhufaatii.
EXO 18:16 Isaan yommuu falmii qabaatanitti dhimma isaanii natti dhiʼeeffatu; anis abbootii dhimmaa gidduutti murtii nan kenna; sirnaa fi seera Waaqaas isaanitti nan hima.”
EXO 18:17 Abbaan niitii Musee akkana jedhee deebise; “Wanni ati gootu kun gaarii miti.
EXO 18:18 Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu.
EXO 18:19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda.
EXO 18:20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi.
EXO 18:21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu.
EXO 18:22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii.
EXO 18:23 Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala.”
EXO 18:24 Museenis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe.
EXO 18:25 Innis Israaʼel hunda keessaa namoota dandeettii qaban filatee hooggantoota sabaa, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii isaan godhate.
EXO 18:26 Isaanis abbootii murtii taʼanii yeroo hunda saba sana tajaajilan; dubbii jabaa Museetti fidan; dubbii laayyoo taʼe hunda immoo ofumaan murteessan.
EXO 18:27 Ergasiis Museen abbaa niitii isaa geggeesse; Yootooris deebiʼee biyya isaatti gale.
EXO 19:1 Israaʼeloonni erga Gibxii baʼanii as jiʼa sadaffaa keessa guyyuma itti Gibxii baʼan sana Gammoojjii Siinaa gaʼan.
EXO 19:2 Isaanis erga Refiidiimii kaʼanii booddee Gammoojjii Siinaa seenan; sabni Israaʼelis Gammoojjii sana keessa fuullee tulluu sanaa qubatan.
EXO 19:3 Museenis gara Waaqaatti ol baʼe; Waaqayyos tulluu irraa isa waamee akkana jedheen; “Ati mana Yaaqoobiin akkana jetta; saba Israaʼelittis waan kana himi:
EXO 19:4 ‘Waan ani warra Gibxi godhee fi akka ani itti qoochoo risaa irratti isin baadhee gara kootti isin fide isin mataan keessan iyyuu argitaniirtu.
EXO 19:5 Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee,
EXO 19:6 isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma.”
EXO 19:7 Museen deebiʼee maanguddoota sabaa walitti waamee, dubbii akka inni dubbatuuf Waaqayyo isa ajaje sana hunda fuula isaanii duratti dhiʼeesse.
EXO 19:8 Jarri hundinuus afaan tokkoon, “Nu waan Waaqayyo jedhe hundumaa ni goona” jedhanii deebisan; Museen immoo waan jarri jedhan deebisee Waaqayyotti fide.
EXO 19:9 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka sabni kun anaa si wajjin dubbatu dhagaʼee yeroo hunda si amanatuuf kunoo ani duumessa yabbuu keessaan gara kee nan dhufa.” Ergasiis Museen waan sabni sun jedhe Waaqayyotti hime.
EXO 19:10 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Gara sabaa dhaqiitii harʼaa fi bori isaan qulqulleessi. Akka isaan wayyaa isaanii miiccatanii
EXO 19:11 guyyaa sadaffaaf qophaaʼan godhi; gaafa sana utuma sabni hundi ilaaluu Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti gad ni buʼaatii.
EXO 19:12 Naannoo tullichaatti saba sanaaf daangaa tolchiitii akkana jedhiin; ‘Isin akka tulluu sanatti ol hin baane yookaan akka qarqara isaa illee hin tuqne of eeggadhaa. Namni tulluu sana tuqu kam iyyuu haa ajjeefamu.
EXO 19:13 Inni dhagaadhaan haa tumamu yookaan xiyyaan haa waraanamu; harki tokko iyyuu isa hin tuqin; horiis taʼu namni akka jiraatu hin eeyyamamuuf.’ Isaan yeroo malakanni utuu gargar hin citin afuufamu qofa tulluutti ol baʼuu dandaʼu.”
EXO 19:14 Museen tulluu irraa gara sabaatti gad buʼee saba sana qulqulleesse; isaanis uffata isaanii miiccatan.
EXO 19:15 Innis saba sanaan, “Guyyaa sadaffaaf of qopheessaa; dubartii biras hin gaʼinaa” jedhe.
EXO 19:16 Ganama guyyaa sadaffaa sana tulluu sana irra bakakkaa, balaqqeessaa fi duumessa yabbuu, akkasumas sagalee malakataa guddaatu dhagaʼame. Warri iddoo qubataa sana keessa jiraatan hundis ni hollatan.
EXO 19:17 Museenis saba sana iddoo qubannaatii baasee gara Waaqaatti fide; jarris miilla tulluu sanaa jala dhadhaabatan.
EXO 19:18 Tulluun Siinaa hundis sababii Waaqayyo ibiddaan irratti gad buʼeef aaraan haguugame. Aarri sunis akkuma aara boolla ibiddaatii baʼuutti ol baʼe; tulluun sunis guutumaan guutuutti akka malee raafame;
EXO 19:19 sagaleen malakataa ittuma guddachaa deeme. Museenis ni dubbate; sagaleen Waaqaas deebii kenneef.
EXO 19:20 Waaqayyo fiixee Tulluu Siinaa irratti gad buʼee Musee gara fiixee tulluu sanaatti ol waame. Museenis ol baʼe;
EXO 19:21 Waaqayyo immoo akkana isaan jedhe; “Akka isaan Waaqayyo ilaaluuf jedhanii daarii hin dabarree fi akka isaan keessaas namni baayʼeen hin duuneef gad buʼiitii isaan akeekkachiisi.
EXO 19:22 Akka Waaqayyo isaan hin balleessineef luboonni Waaqayyotti dhiʼaatan iyyuu of haa qulqulleessan.”
EXO 19:23 Museen immoo Waaqayyoon, “Sababii ati mataan kee, ‘Naannoo Tullichaatti daangaa dhaabiitii isa qulqulleessiitii addaan baasi’ jettee akeekkachiisa nuu kenniteef sabni kun Tulluu Siinaatti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe.
EXO 19:24 Waaqayyos, “Gadi buʼiitii Aroonin fidii kottu. Garuu luboonnii fi uummanni gara Waaqayyootti ol dhufuuf jedhanii daangaa hin darbin; yoo kanaa achii inni isaan balleessa” jedhee deebise.
EXO 19:25 Museenis gad buʼee waan kana uummatatti hime.
EXO 20:1 Waaqni akkana jedhee dubbii kana hunda dubbate:
EXO 20:2 “Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.
EXO 20:3 “Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.
EXO 20:4 Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin.
EXO 20:5 Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
EXO 20:6 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
EXO 20:7 Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
EXO 20:8 Guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan yaadadhu.
EXO 20:9 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu;
EXO 20:10 guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan horiin kee yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin.
EXO 20:11 Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu Waaqayyo Sanbata eebbisee qulqulleesse.
EXO 20:12 Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
EXO 20:13 Hin ajjeesin.
EXO 20:14 Hin ejjin.
EXO 20:15 Hin hatin.
EXO 20:16 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
EXO 20:17 Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
EXO 20:18 Jarri hundinuus yommuu bakakkaa fi balaqqeessa, sagalee malakataatii fi tulluu aaru hubatanitti sodaadhaan hollatan. Isaan fagoo dhaabatanii
EXO 20:19 Museedhaan, “Ati mataan kee nutti dubbadhu; nu ni dhaggeeffannaa. Garuu Waaqni nutti hin dubbatin. Yoo kanaa achii nu ni dhumnaa” jedhan.
EXO 20:20 Museen immoo saba sanaan, “Hin sodaatinaa. Akka Waaqa sodaachuun isin wajjin jiraatee cubbuu hojjechuu irraa isin eeguuf jedhee Waaqni isin qoruuf dhufeera” jedhe.
EXO 20:21 Yeroo Museen dukkana limixii iddoo Waaqni turetti dhiʼaatetti, namoonni fagoo dhaabatan.
EXO 20:22 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Saba Israaʼelitti waan kana himi: ‘Akka ani samii irraa isinitti dubbadhe isin mataan keessan argitaniirtu;
EXO 20:23 ana biratti waaqota kam iyyuu hin tolfatinaa. Waaqota meetii yookaan waaqota warqee hin tolfatinaa.
EXO 20:24 “ ‘Biyyoo lafaa irraa iddoo aarsaa naa tolchiitii isa irratti qalma gubamu, aarsaa nagaa, hoolota kee, reʼoota keetii fi loon kee aarsaa dhiʼeessi. Ani iddoo akka maqaan koo itti yaadatamu godhu hundatti gara kee dhufee sin eebbisa.
EXO 20:25 Yoo dhagaa irraa iddoo aarsaa naa ijaarte immoo dhagaa soofame irraa hin ijaarin; yoo meeshaadhaan isa tuqxe ni xureessitaatii.
EXO 20:26 Akka qullaan kee isa irratti hin mulʼanneef gulantaadhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’
EXO 21:1 “Seerawwan ati isaan dura keessu kanneenii dha:
EXO 21:2 “Ati yoo Ibroota keessaa garbicha bitatte inni waggaa jaʼa siif haa hojjetu. Waggaa torbaffaatti garuu inni kaffaltii malee bilisa haa baʼu.
EXO 21:3 Inni yoo kophaa isaa dhufee jiraate kophaa isaa bilisoomee haa deemu; yeroo dhufutti inni yoo niitii qabaate isheenis isa wajjin haa deemtu.
EXO 21:4 Yoo gooftaan isaa niitii isa fuusisee isheenis ilmaan yookaan intallan deesseefii jiraatte, ishee fi ijoolleen ishee kan gooftaa ishee taʼu; namichi qofti bilisa taʼee haa deemu.
EXO 21:5 “Garuu garbichi sun, ‘Ani gooftaa koo fi niitii koo, ijoollee koos nan jaalladha; ani bilisa baʼee deemuu hin barbaadu’ yoo jedhe,
EXO 21:6 gooftaan isaa fuula abbootii murtii duratti isa haa dhiʼeessu; gara balbalaatti yookaan gara michichila balbalaatti geessees mutaadhaan gurra isaa haa uru. Ergasii inni bara jireenya isaa guutuu isa tajaajila.
EXO 21:7 “Namni yoo intala isaa akka garbittiitti gurgurate, isheen akka garbichi tokko itti bilisa baʼutti bilisa hin baʼin.
EXO 21:8 Yoo isheen goofticha ofii isaatiif ishee filate sanatti toluu baatte inni akka isheen furamtuu haa godhu. Inni waan isheef amanamuu dhabeef dabarsee ormatti ishee gurguruuf mirga hin qabu.
EXO 21:9 Yoo ilma isaatiif ishee filate immoo mirga intala ofii isaatiif kennu isheefis haa kennu.
EXO 21:10 Yoo niitii biraa fuudhe immoo niitii isaa kan jalqabaa sana nyaata, uffataa fi mirga niitiif malu itti hin hirʼisin.
EXO 21:11 Yoo inni wantoota sadan kanneen isheef gochuu dide garuu isheen kaffaltii maallaqaa tokko malee bilisa baʼuu qabdi.
EXO 21:12 “Namni nama rukutee ajjeesu innis haa ajjeefamu.
EXO 21:13 Inni riphee utuu hin eeggatin Waaqatu harka isaa buuse yoo taʼe garuu iddoo ani ramadutti haa baqatu.
EXO 21:14 Garuu yoo namni tokko ittuma yaadee dabaan nama ajjeese iddoo aarsaa koo biraa fuudhaatii ajjeesaa.
EXO 21:15 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa rukutu haa ajjeefamu.
EXO 21:16 “Namni nama hatee yoo gurgurate yookaan namichi hatame sun harka isaatti yoo argame hattichi haa ajjeefamu.
EXO 21:17 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu haa ajjeefamu.
EXO 21:18 “Yoo namoonni wal lolanii inni tokko isa kaan dhagaadhaan yookaan abootteedhaan rukutee namichi rukutame sun duʼuu baatee garuu siree irratti hafe,
EXO 21:19 ergasii immoo yoo inni kaʼee ulee isaa dhadhaabachaa asii fi achi ala keessa deddeeme namichi isa dhaʼe sun itti hin gaafatamu; sababii yeroo namicha miidhame sanaa jalaa balleesseef garuu gatii haa baasu; hamma inni guutumaan guutuutti fayyuttis isa haa walʼaanu.
EXO 21:20 “Yoo namni tokko uleedhaan garbicha isaa yookaan garbittii isaa dhaʼee garbichi sunis harka isaatti duʼe namichi haa adabamu;
EXO 21:21 garuu sababii garbichi sun qabeenya isaa taʼeef yoo garbichi sun bultii tokko yookaan bultii lama booddee kaʼe, namichi hin adabamu.
EXO 21:22 “Yoo namoonni wal lolaa jiran dubartii ulfoofte tokkotti buʼanii ulfii garaadhaa baʼee garuu miidhamni hamaan ishee hin qaqqabin, namichi ishee miidhe sun waan dhirsi dubartittii isa gaafatee fi waan abbootiin murtii murteessan baasuu qaba.
EXO 21:23 Yoo miidhamni hamaan jiraate garuu, qooda lubbuu, lubbuu;
EXO 21:24 qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii, ilkaan; qooda harkaa, harka; qooda miillaa, miilla;
EXO 21:25 qooda gubuu, gubuu; qooda madaa, madaa; qooda buruqsuu, buruqsuu baafta.
EXO 21:26 “Namni tokko yoo ija garbicha isaa yookaan ija garbittii isaa rukutee jaamse, inni qooda ija sanaa garba sana bilisa haa baasu.
EXO 21:27 Inni yoo ilkaan garbicha isaa yookaan ilkaan garbittii isaa rukutee cabse, qooda ilkaan sanaa garba sana bilisa haa baasu.
EXO 21:28 “Qotiyyoon tokko yoo dhiira yookaan dubartii waraanee ajjeese qotiyyoon sun dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu; foon isaas hin nyaatamin. Garuu abbaan qotiyyoo sanaa itti hin gaafatamu.
EXO 21:29 Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee garuu waan inni isa eeggachuu dideef qotiyyoon sun dhiira yookaan dubartii ajjeese, qotiyyoon sun dhagaadhaan rukutamee haa ajjeefamu; abbaan qotiyyoo sanaas haa ajjeefamu.
EXO 21:30 Taʼus inni yoo gumaa gaafatame waan gaafatame hunda kaffalee lubbuu isaa haa oolfatu.
EXO 21:31 Yoo qotiyyoon sun ilma yookaan intala tokko waraane illee seeruma kanatu hojjeta.
EXO 21:32 Yoo qotiyyoon sun garbicha yookaan garbittii waraane abbaan qotiyyoo sanaa gooftaa garba sanaatiif meetii saqilii soddoma haa kaffalu; qotiyyoon sunis dhagaan rukutamee haa ajjeefamu.
EXO 21:33 “Namni tokko yoo boolla afaan banaa dhiise yookaan yoo boolla qotee utuu hin duuchin dhiisee sangaan yookaan harreen boolla sana keessa buʼe,
EXO 21:34 abbaan boolla sanaa abbaa horii sanaatiif maallaqa haa baasu; horiin duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.
EXO 21:35 “Yoo qotiyyoon nama tokkoo qotiyyoo nama biraa miidhee duʼaan gaʼe jarri qotiyyoo fayyaa sana haa gurgurani; gatii qotiyyoo sanaatii fi qotiyyoo duʼe sana qixxeetti haa qooddatani.
EXO 21:36 Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala horii waraanuu qabaachuun isaa beekamee garuu waan abbaan isaa isa eeggachuu dideef abbaan qotiyyoo sanaa qooda qotiyyoo, qotiyyoo haa baasu; qotiyyoon duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.
EXO 22:1 “Namni tokko yoo sangaa yookaan hoolaa hatee qalate yookaan gurgurate, qooda qotiyyoo tokkoo sangaa shan, qooda hoolaa tokkoo immoo hoolaa afur haa baasu.
EXO 22:2 “Hattuun tokko utuu cabsee seenuu yoo qabamee tumamee kanumaan duʼe, namichi isa ajjeese sun dhiiga isaatti yakkaan hin gaafatamu;
EXO 22:3 garuu yoo wanni kun erga aduun baatee taʼe, namichi dhiiga sanatti yakkaan ni gaafatama. “Hattuun waan hate haa deebisu; homaa hin qabu yoo taʼe garuu hanna isaatiif gatii baasuudhaaf haa gurguramu.
EXO 22:4 Horiin hatame sun sangaa yookaan harree yookaan hoolaa taanaan yoo utuu lubbuun jiruu harka isaatti argame hattuun sun dachaa baasuu qaba.
EXO 22:5 “Namni tokko yoo utuu lafa qotiisaa yookaan dhaabaa wayinii keessa horii tikfatuu horii isaa gad lakkisee horiin sun dhaqee kaloo nama biraa dheede, inni lafa qotiisaa ofii isaa irraa yookaan dhaabaa wayinii ofii isaa irraa kan waan hunda caalu iddoo haa buusuuf.
EXO 22:6 “Yoo ibiddi kaʼee daggala seenee akkasiin midhaan tuulame yookaan midhaan dhaabatu yookaan lafa qotiisaa gube, namichi ibidda qabsiise sun gatii baasuu qaba.
EXO 22:7 “Namni tokko yoo maallaqa yookaan miʼa imaanaa namatti kennatee, wanni sun mana namichaatii hatamee hattuun sun qabame, hattichi dachaa kaffaluu qaba.
EXO 22:8 Yoo hattuun sun hin argamin garuu abbaan mana sanaa akka miʼa nama kaanii tuqee fi akka hin tuqin mirkaneessuuf fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu.
EXO 22:9 Namni tokko yoo qotiyyoo, harree, hoolaa, uffata yookaan miʼa bade tokko miliqsee namni tokko dhufee, ‘Kun kan koo ti’ jedhe, falmiin isaanii fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu. Namichi abbootiin murtii itti muran sunis ollaa isaatiif harka lama haa baasu.
EXO 22:10 “Yoo namni tokko ollaa isaatiif harree, qotiyyoo, hoolaa yookaan horii biraa imaanaa kennatee horiin suni utuu namni hin argin duʼe yookaan miidhame yookaan hatame,
EXO 22:11 namichi sun akka qabeenya ollaa isaa hin tuqin mirkaneessuuf fuula Waaqayyoo duratti haa kakatu; abbaan qabeenyaa sunis kakuu kana fudhachuu qaba; gatiis hin gaafatu.
EXO 22:12 Yoo horiin sun isa jalaa hatamee jiraate garuu namichi abbaa horii sanaatiif baasuu qaba.
EXO 22:13 Yoo horii sana bineensatu nyaate taʼe immoo akka ragaa taʼuuf waan bineensa irraa hafe haa dhiʼeessu malee horii nyaatame sanaaf gatii hin baasin.
EXO 22:14 “Namni tokko yoo ollaa isaa irraa horii ergifatee horiin sun iddoo abbaan horii hin jirretti miidhame yookaan duʼe, namichi ergifate sun gatii haa baasu.
EXO 22:15 Yoo abbaan horii sanaa achi jiraate garuu namichi ergifate sun gatii baasuu hin qabu. Yoo horiin sun kireeffamee jiraate immoo maallaqni baafame sun kiraa horii duʼe sanaa haa taʼu.
EXO 22:16 “Namni tokko yoo durba hin kaadhimatamin gowwoomsee ishee wajjin ciise, inni gabbara misirrittiif malu baaseefii ishee haa fuudhu.
EXO 22:17 Yoo abbaan ishee intalattii namichaaf kennuu dide immoo namichi sun gabbara durbaaf malu baasuu qaba.
EXO 22:18 “Ati akka dubartiin falfaltuun lubbuun jiraattu hin eeyyamin.
EXO 22:19 “Namni horii wajjin ciisu kam iyyuu ajjeefamuu qaba.
EXO 22:20 “Namni Waaqayyo tokkichaaf malee Waaqa biraatiif aarsaa dhiʼeessu galaafatamuu qaba.
EXO 22:21 “Isinis waan biyya Gibxii keessatti alagoota turtaniif alagaatti daba hin hojjetinaa; hin cunqursinaas.
EXO 22:22 “Haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abbaan irraa duʼe hin hacuucinaa.
EXO 22:23 Yoo isin isaan miitanii isaan immoo natti booʼan ani dhugumaan booʼicha isaanii nan dhagaʼa.
EXO 22:24 Aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaanan isin fixa; niitonni keessan haadhota hiyyeessaa taʼu; ijoolleen keessanis kanneen abbaa hin qabne taʼu.
EXO 22:25 “Ati yoo saba koo keessaa hiyyeessa si bira jiraatu tokkoof maallaqa liqeessite, akka nama hiiqii argachuuf kennuu hin taʼin; dhalas hin gaafatin.
EXO 22:26 Ati yoo wayyaa nama biraa qabdii qabatte, utuu aduun hin dhiʼin deebisiif;
EXO 22:27 wanni inni dhagna isaatti uffatu wayuma sanaatii. Wanni inni uffatee rafu biraa maali? Ani waanan gara laafessa taʼeef, yoo inni natti ol iyyate nan dhagaʼa.
EXO 22:28 “Waaqa hin arrabsin; bulchaa saba keetiis hin abaarin.
EXO 22:29 “Mataa midhaan keetiitii fi dhangalaʼaa wayinii keetii irraa aarsaa dhiʼeessuu hin tursin. “Ilmaan kee keessaas hangafa naa kennuu qabda.
EXO 22:30 Loon keetii fi hoolota kee akkanuma godhi. Isaanis bultii torba haadha isaanii bira haa turan; guyyaa saddeettaffaatti garuu naa kenni.
EXO 22:31 “Isin saba koo qulqulluu ni taatu. Kanaafuu foon horii bineensi alatti cabsee kam iyyuu hin nyaatinaa; foon akkanaa saree dura buusaa.
EXO 23:1 “Oduu sobaa hin odeessin; dhuga baʼuu jalʼaa kennuudhaan nama balleessaa hojjete hin gargaarin.
EXO 23:2 “Waan hamaa hojjechuuf jettee nama baayʼee faana hin buʼin. Fuula seeraa duratti yommuu dhugaa baatu, gara nama baayʼee gortee murtii hin jalʼisin;
EXO 23:3 murtii irratti hiyyeessaaf hin loogin.
EXO 23:4 “Yoo sangaa yookaan harree diina keetii kan baduutti jiru argite deebisii geessiif.
EXO 23:5 Yoo harree nama si jibbu tokkoo utuu isheen baʼaa baattee kuftee jirtuu argite achitti hin dhiisin; isa gargaarii ol kaasi.
EXO 23:6 “Murtii irratti hiyyeessa saba keetii jalaa murtii hin dabsin.
EXO 23:7 Himata sobaa keessatti hin hirmaatin; waan ani nama balleessaa hojjete hin qulqulleessineef nama yakka hin qabne yookaan nama qajeelaa hin ajjeesin.
EXO 23:8 “Ati mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ogeeyyii ni jaamsaatii; dubbii qajeeltotaas jalʼisa.
EXO 23:9 “Alagaa hin cunqursin; isin waan biyya Gibxiitti alagaa turtaniif alagaa taʼuun maal akka taʼe isin mataan keessan ni beektuutii.
EXO 23:10 “Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; midhaanis galfadhu;
EXO 23:11 waggaa torbaffaatti garuu lafa sana boqochiisi malee hin qotin. Akkasiin hiyyeeyyiin saba keetii laficha irraa nyaata argatu; waan isaan irraa hafe immoo bineensi haa nyaatu. Muka wayinii keetiitii fi muka ejersa keetiis akkasuma godhi.
EXO 23:12 “Guyyaa jaʼa hojii kee hojjetadhu; akka sangaan keetii fi harreen kee boqotaniif, akka garbichi mana keetti dhalatee fi alagaan aara galfataniif guyyaa torbafaatti hin hojjetin.
EXO 23:13 “Waan ani isinitti hime hunda eegaa; maqaa waaqota biraa hin waammatinaa; afaan keessanii iyyuu hin baʼin.
EXO 23:14 “Ati waggaatti yeroo sadii ayyaana naa ayyaaneffadhu.
EXO 23:15 “Ayyaana Maxinoo Ayyaaneffadhu; akkuma ani si ajaje sana bultii torba Maxinoo nyaadhu. Waan kanas jiʼa Abiibii keessa yeroo murtaaʼetti godhi; ati jiʼa sana keessa Gibxii baateetii. “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin.
EXO 23:16 “Mataa midhaan keetii kan lafa qotiisaa keetti facaafatteen Ayyaana Galchaa Midhaanii ayyaaneffadhu. “Dhuma waggaatti yeroo midhaan kee lafa qotiisaa irraa walitti qabattutti Ayyaana Galchaa Midhaanii ayyaaneffadhu.
EXO 23:17 “Dhiirri hundi waggaatti yeroo sadii fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti haa dhiʼaatu.
EXO 23:18 “Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin. “Coomni aarsaa ayyaana koos hamma bariitti hin turin.
EXO 23:19 “Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.
EXO 23:20 “Akka inni karaa irratti si eegee iddoo ani qopheessetti si galchuuf kunoo ani fuula kee dura ergamaa koo tokko nan erga.
EXO 23:21 Xiyyeeffadhuutii waan inni jedhu dhaggeeffadhu. Isatti hin fincilin; inni waan Maqaa koo of irraa qabuuf fincila kee siif hin dhiisuutii.
EXO 23:22 Yoo ati waan inni jedhu akka gaarii dhaggeeffatee waan ani dubbadhu hunda goote, ani diinota keetti diina nan taʼa; warra siin mormaniinis nan morma.
EXO 23:23 Ergamaan koos fuula kee dura deemee biyya Amoorotaatti, Heetotaatti, Feerzotaatti, Kanaʼaanotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti si galcha; anis jara nan balleessa.
EXO 23:24 Waaqota isaaniitiif hin sagadin; hin waaqeffatinis; hojii isaanii faanas hin buʼin. Ati isaan balleessitee soodduu waaqeffannaa isaanii illee caccabsuu qabda.
EXO 23:25 Waaqayyo Waaqa kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;
EXO 23:26 biyya kee keessatti dubartiin ulfi irraa baʼu yookaan dhabduun tokko iyyuu hin argamtu. Jireenya guutuus siif nan kenna.
EXO 23:27 “Ani sodaachisuu koo si dura ergee saba ati itti dhuftu hunda nan burjaajessa. Akka diinonni kee hundinuu dugda sitti galanii baqatanis nan godha.
EXO 23:28 Akka inni Hiiwota, Kanaʼaanotaa fi Heetota karaa kee irraa ariʼuuf ani si duraan sonsa nan erga.
EXO 23:29 Akka lafti onee bineensi wal horee sitti hin baayʼanneef ani waggaa tokko keessatti saba kana si duraa ariʼee hin baasu.
EXO 23:30 Hamma ati baayʼattee biyyattii dhaaltutti ani xinnoo xinnoon fuula kee duraa isaan nan baasa.
EXO 23:31 “Anis daarii kee Galaana Diimaadhaa jalqabee hamma Galaana Filisxeemiitti, lafa alootii jalqabee hamma Laga Efraaxiisiitti siifin dhaaba. Namoota biyya sana jiraatanis dabarsee harka keetti nan kenna; ati immoo of duraa ariitee isaan baafta.
EXO 23:32 Ati isaan wajjin yookaan waaqota isaanii wajjin kakuu tokko illee hin galin.
EXO 23:33 Akka isaan biyya kee keessa jiraatan hin eeyyamaniif; yoo akkas taʼe isaan akka ati cubbuu natti hojjettu si godhu; ati waaqota isaanii waaqeffannaan kun dhugumaan kiyyoo sitti taʼaatii.”
EXO 24:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoota Israaʼel keessaas namoonni torbaatamni gara Waaqayyotti ol baʼaa; alaalatti sagadaa;
EXO 24:2 garuu Museen qofti Waaqayyotti haa dhiʼaatu; warri kaan immoo hin dhiʼaatin. Sabni isa wajjin ol hin baʼin.”
EXO 24:3 Museenis dhaqee dubbii fi seera Waaqayyoo hunda saba sanatti hime; sabni sunis, “Nu waan Waaqayyo jedhe hunda ni goona” jedhee afaan tokkoon deebise.
EXO 24:4 Ergasii Museen waan Waaqayyo dubbatte hunda barreesse. Guyyaa itti aanu ganamaanis kaʼee miilla tulluu jalatti iddoo aarsaa ijaare; utubaa dhagaa kudha lama kanneen gosoota Israaʼel kudha lamaan iddoo buʼanis dhaabe.
EXO 24:5 Innis dargaggoota Israaʼel erge; isaanis aarsaa gubamuu fi jiboota aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
EXO 24:6 Museenis walakkaa dhiiga sanaa waciitiitti naqe; walakkaa hafe immoo iddoo aarsaa irratti faffacaase.
EXO 24:7 Innis kitaaba kakuu fuudhee saba sanaaf dubbise. Isaanis, “Nu waan Waaqayyo jedhe hunda ni goona; ni ajajamnas” jedhanii deebisan.
EXO 24:8 Yommus Museen dhiiga sana fuudhee sabatti faffacaasee, “Kunoo kun dhiiga kakuu kan Waaqayyo akkuma dubbii kana hundaatti isinii dhaabee dha” jedhe.
EXO 24:9 Musee fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoonni Israaʼel torbaatamnis ol baʼanii
EXO 24:10 Waaqa Israaʼel argan. Miilla isaa jalattis waan akka afaa dhagaa Sanpeer kan akkuma samiitti qulqullaaʼe tokkotu afamee ture.
EXO 24:11 Waaqni garuu qondaaltota saba Israaʼel kanneenitti harka isaa ol itti hin kaafne; isaan Waaqa argan; ni nyaatan; ni dhuganis.
EXO 24:12 Waaqayyos Museedhaan, “Gara kootti tulluutti ol baʼi; asis turi; anis gabateewwan dhagaa kanneen ani akka qajeelfama isaanii taʼuuf seeraa fi ajajawwan itti barreesse siif nan kenna” jedhe.
EXO 24:13 Ergasii Museen gargaaraa isaa Iyyaasuu wajjin kaʼee deeme; Museenis tulluu Waaqaatti ol baʼe.
EXO 24:14 Innis maanguddoota sanaan akkana jedhe; “Hamma nu gara keessanitti deebinutti asitti nu eegaa. Kunoo Aroonii fi Huuri isin bira jiran; namni falmii qabu isaan bira dhaquu dandaʼa.”
EXO 24:15 Yeroo Museen tulluutti ol baʼetti duumessi tulluu sana haguuge;
EXO 24:16 ulfinni Waaqayyoos Tulluu Siinaa irra buʼe. Duumessi sunis guyyaa jaʼa tulluu sana haguuge; guyyaa torbaffaatti immoo Waaqayyo duumessicha keessaa Musee waame.
EXO 24:17 Ulfinni Waaqayyoos ibidda waa gubu fakkaatee fiixee tulluu irraa saba Israaʼelitti mulʼachaa ture.
EXO 24:18 Museen tulluutti ol baʼee duumessa keessa seene. Innis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture.
EXO 25:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 25:2 “Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa.
EXO 25:3 “Kennaan isaan harkaa fuutanis: “Warqee, meetii fi naasii;
EXO 25:4 kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame; rifeensa reʼee;
EXO 25:5 gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame, muka laaftoo,
EXO 25:6 ibsaadhaaf, zayitii ejersaa, urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf;
EXO 25:7 dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha.
EXO 25:8 “Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha.
EXO 25:9 Dunkaana qulqulluu kanaa fi miʼa isaa hunda akkuma bifa ani sitti argisiisuutti hojjedhaa.
EXO 25:10 “Isaan muka laaftoo irraa taabota haa tolchan; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture.
EXO 25:11 Keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffisi; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessii tolchi.
EXO 25:12 Taabota sanaafis qubeelaa warqee afur tolchiitii miilla isaa afranitti jechuunis lama gama tokkoon, lama immoo gama kaaniin itti kaaʼi.
EXO 25:13 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqee itti uffisi.
EXO 25:14 Taaboticha ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loosi.
EXO 25:15 Danqaraawwan kunneen qubeelaawwan taabotichaa keessa haa turan; keessaa baafamuus hin qaban.
EXO 25:16 Atis dhuga baʼumsa ani sitti kennu Taaboticha keessa kaaʼi.
EXO 25:17 “Warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolchi; dheerinni isaas dhundhuma lamaa fi walakkaa, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu.
EXO 25:18 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi.
EXO 25:19 Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi.
EXO 25:20 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan.
EXO 25:21 Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi.
EXO 25:22 Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima.
EXO 25:23 “Muka laaftoo irraa minjaala dhundhuma lama dalga dheeratu, kan dhundhuma tokko balʼatee ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tolchi.
EXO 25:24 Warqee qulqulluu itti uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee tolchi.
EXO 25:25 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchi.
EXO 25:26 Minjaala kanaafis qubeelaa warqee afur hojjedhuutii goleewwan afranitti iddoo miilli afran jiranitti kaaʼi.
EXO 25:27 Qubeelaawwan kunneenis akka danqaraa ittiin minjaala baatan qabataniif xiyyoo sanatti dhiʼaachuu qabu.
EXO 25:28 Muka laaftoo irraa loosawwan tolchi; warqee itti uffisiitii minjaala sana ittiin baadhu.
EXO 25:29 Dhibaayyuu dhiʼeessuufis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, okkoteewwan isaatii fi waciitiiwwan isaa warqee qulqulluu irraa tolchi.
EXO 25:30 Buddeena ilaalchaas yeroo hunda fuula koo dura minjaala kana irra kaaʼi.
EXO 25:31 “Baattuu ibsaas warqee qulqulluu irraa tolchi; baattuun ibsaa kunis tumamee haa tolfamu; somaa isaa, damee isaa, waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa warqeedhuma sana irraa tolchi.
EXO 25:32 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon, sadii immoo gama kaaniin haa baafaman.
EXO 25:33 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchi; dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchi.
EXO 25:34 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin hojjetaman afur baattuu ibsaa sana irra haa jiraatan.
EXO 25:35 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture. Walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture.
EXO 25:36 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa haa tolfaman.
EXO 25:37 “Atis ibsaawwan torba tolchiif; akka lafa fuula isaanii dura jiru ibsaniifis baattuu ibsaa irra isaan dhadhaabi.
EXO 25:38 Wanni ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi caabiin daaraa sana baattu warqee qulqulluu irraa haa hojjetaman.
EXO 25:39 Baattuun ibsaatii fi miʼi isaa hundi warqee qulqulluu taalaantii tokkootiin haa hojjetamani.
EXO 25:40 Atis akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu.
EXO 26:1 “Golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu hojjedhu; golgaawwan sana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko kiirubeelii haa hojjetu.
EXO 26:2 Golgaawwan hundinuu wal qixxee haa taʼan; dheerinni tokkoo tokkoo golgaawwanii dhundhuma digdamii saddeeti, balʼinni isaa immoo dhundhuma afur haa taʼu.
EXO 26:3 Golgaawwan shan walitti qabsiisi; golgaawwan hafan shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisi.
EXO 26:4 Golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchi; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolchi.
EXO 26:5 Gurroowwan shantama golgaa tokko irratti tolchi; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa moggaa isa tokkootti tolchi. Gurroowwan sunis gamaa gamanatti haa tolfaman.
EXO 26:6 Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchiitii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisi.
EXO 26:7 “Haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu irra jiru haguuguufis golgaawwan rifeensa reʼootaa kudha tokko hojjedhu.
EXO 26:8 Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee haa taʼan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur haa taʼu.
EXO 26:9 Golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaawwan jaʼan kaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaa jaʼaffaa sanas fuula dunkaanichaa duraan iddoo lamatti ol dachaasi.
EXO 26:10 Golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi.
EXO 26:11 Ergasiis qabduuwwan naasii shantama tolchi; qabduuwwan sanas akka inni tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf gurroowwan keessa galchi.
EXO 26:12 Wanni golgaawwan dunkaanichaa irraa hafe, walakkaan golgaa hafe sanaa dugda dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu.
EXO 26:13 Akka dunkaana qulqulluu sana haguuguufis dheerina golgaawwan dunkaanicha irraa hafe keessaa dhundhumni tokko gama tokkoon, dhundhumni tokko immoo gama kaaniin bitaa fi mirgaan dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu.
EXO 26:14 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjedhu.
EXO 26:15 “Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjedhu.
EXO 26:16 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu;
EXO 26:17 tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama haa qabaatu; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchi.
EXO 26:18 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjedhu;
EXO 26:19 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchi.
EXO 26:20 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchi;
EXO 26:21 miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchi.
EXO 26:22 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa tolchi;
EXO 26:23 karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchi.
EXO 26:24 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti haa qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkasuma taʼuu qabu.
EXO 26:25 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu jira; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba.
EXO 26:26 “Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchi; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan,
EXO 26:27 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif dagaleewwan shan, shan tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchi.
EXO 26:28 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhi.
EXO 26:29 Tuggeewwan sana irras warqee itti uffisi. Akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchi; dagaleewwan sanas akkasuma warqee itti uffisi.
EXO 26:30 “Dunkaana qulqulluu kana akkuma karoora tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti dhaabi.
EXO 26:31 “Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tulchi; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii haa tolchu.
EXO 26:32 Golgaa kana hokkoo warqeetiin utubaawwan muka laaftoo kanneen warqeen itti uffifamee miilla meetii afur irra dhadhaabatan afuritti rarraasi.
EXO 26:33 Golgaa sana hokkoowwanitti rarraasiitii taabota kakuu seeraa immoo dugda isaa duubaan kaaʼi. Golgaan sunis Iddoo qulqulluu, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana irraa addaan baasa.
EXO 26:34 Teessoo araaraas Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana keessa taabota kakuu seeraa irra kaaʼi.
EXO 26:35 Minjaala sanas golgaadhaan ala, gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dhaabi; baattuu ibsaa immoo fuullee minjaala sanaa gama kibba dunkaanichatiin dhaabi.
EXO 26:36 “Balbala dunkaanichaatiif immoo golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessii tolchi.
EXO 26:37 Golgaa kanaafis hokkoo warqeetii fi utubaa muka laaftoo kan warqeen itti uffifame shan tolchi. Naasii tumiitii miilla shan tolchiif.
EXO 27:1 “Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dhundhuma sadii ol dheeratu ijaari; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu.
EXO 27:2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchi; gaanfaa fi iddoon aarsaa sun mukuma tokko irraa haa taʼu; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisi.
EXO 27:3 Miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchi.
EXO 27:4 Naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjedhuutii tokkoo tokkoo rogawwan gingilchaa sanaa afraniif qubeelaawwan naasii tolchi.
EXO 27:5 Gingilchaa sanas akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol kaʼuuf qarqara iddoo aarsaa jalaan kaaʼi.
EXO 27:6 Iddoo aarsaa sanaafis danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii naasii itti uffisi.
EXO 27:7 Danqaraawwan sunis akka yeroo iddoon aarsaa baatamutti gama lamaaniin oolaniif qubeelaawwan keessa haa loofaman.
EXO 27:8 Akkuma tulluu irratti sitti argisiifame sanatti iddoo aarsaa kan keessi isaa duwwaa taʼe saanqaa irraa hojjedhu.
EXO 27:9 “Dunkaana qulqulluu sanaaf oobdii hojjedhu. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko haa dheeratu; innis golgaa quncee talbaa gaarii foʼame irraa hojjetamee
EXO 27:10 utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanneenis meetii irraa haa hojjetaman.
EXO 27:11 Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaawwan utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanaas meetii irraa haa tolfaman.
EXO 27:12 “Oobdiin kun gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan, utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaban haa qabaatu.
EXO 27:13 Oobdiin kun fiixee baʼaatiin karaa baʼa biiftuutiin akkasuma dhundhuma shantama haa balʼatu.
EXO 27:14 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra haa jiraatan.
EXO 27:15 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis gama kaaniin haa jiraatan.
EXO 27:16 “Balbala oobdii sanaatiifis golgaa dhundhuma digdama dheeratee utubaa afurii fi miilla afur qabu kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tokko tolchi.
EXO 27:17 Utuboonni naannoo oobdii sanaa hundinuu somaawwanii fi hokkoowwan meetiitii fi miillawwan naasii haa qabaatan.
EXO 27:18 Oobdiin sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma shantamaa haa qabaatu; golgaa quncee talbaa gaarii foʼamee dhundhuma shan ol dheeratuu fi miillawwan naasii irraa hojjetame haa qabaatu.
EXO 27:19 Miʼi tajaajila dunkaana qulqulluu sanaatiif fayyadu biraa hundi, tajaajila kam iyyuu taanaan, qofoo dunkaanichaatii fi qofoo oobdii sanaa hunda dabalatee naasii irraa haa hojjetamu.
EXO 27:20 “Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersa cuunfame taliila isaa ibsaadhaaf siif fidan saba Israaʼel ajaji.
EXO 27:21 Aroonii fi ilmaan isaa dunkaana wal gaʼii keessatti golgaa fuula taabota kakuu seeraa dura jiruun alatti akka ibsaan sun galgalaa hamma ganamaatti fuula Waaqayyoo duratti bobaʼuu haa godhan. Wanni kunis saba Israaʼel keessatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
EXO 28:1 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroon, isa wajjinis ilmaan isaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin saba Israaʼel keessaa ofitti dhiʼeessi.
EXO 28:2 Akka inni ulfinaa fi miidhagina argatuufis obboleessa kee Arooniif uffata qulqulluu hodhi.
EXO 28:3 Akka inni luba taʼee na tajaajiluuf namoota beekumsa qaban kanneen ani ogummaa akkanaa kenneef hunda akka isaan akka inni addaan baafamuuf jedhanii Arooniif uffata hodhan itti himi.
EXO 28:4 Uffanni isaan hojjetanis: kiisii qomaa, dirata, wandaboo, kittaa miidhagfamee dhawame, marata mataatii fi sabbataa dha. Jarris akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroonii fi ilmaan isaatiif uffata qulqulluu kana haa hojjetan.
EXO 28:5 Ogeeyyiin sunis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼametti haa fayyadaman.
EXO 28:6 “Ogeessa harka tolu tokko warqee, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjechiisi.
EXO 28:7 Diranni kunis akka walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii lama kanneen fiixee isaa lamaanitti rarraafaman haa qabaatu.
EXO 28:8 Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen haa hojjetamu.
EXO 28:9 “Dhagaawwan sardooniksii lama fuudhiitii maqaa ilmaan Israaʼel isaan irratti soofii barreessi.
EXO 28:10 Akkuma toora dhaloota isaaniitti, maqaa jaʼa dhagaa tokko irratti, maqaa jaʼaan hafes dhagaa kaan irratti soofii barreessi.
EXO 28:11 Akkuma ogeessi faayaa tokko chaappaa soofee hojjetu sana atis dhagaa lamaan sana irratti maqaa ilmaan Israaʼel soofii barreessi; ergasiis faaya warqee itti naannessiitii
EXO 28:12 akka inni ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisi. Aroonis maqaa sana yaadannoo godhee fuula Waaqayyoo duratti gatiittii isaa lamaanitti haa baatu.
EXO 28:13 Ati immoo faaya warqee itti naannessiitii
EXO 28:14 foncaa warqee qulqulluu kan akka funyootti foʼame lama tolchi; foncaa foʼame sana illee faaya sanatti qabsiisi.
EXO 28:15 “Ogeessa harka tolu tokko kiisii qomaa kan murtii hojjechiisi; isas akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen hojjedhu.
EXO 28:16 Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee fi dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokko haa qabaatu.
EXO 28:17 Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansi. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee;
EXO 28:18 toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz;
EXO 28:19 toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti,
EXO 28:20 toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansi. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchi.
EXO 28:21 Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame haa jiraatan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabata.
EXO 28:22 “Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼame tolchi.
EXO 28:23 Kiisii qomaa sanaafis qubeelaa warqee lama tolchiitii qubeelaa warqee lamaan roga kiisii qomaa lamaanitti qabsiisi.
EXO 28:24 Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfi.
EXO 28:25 Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfiitii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisi.
EXO 28:26 Qubeelaawwan warqee lama tolchiitii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti kaaʼi.
EXO 28:27 Ammas qubeelaawwan warqee lama biraa tolchiitii sabbata dirataatiin olitti hodhaatti dhiʼeessii funyoo gatiittii lamaan fuula dirataa duraan jiru sana jalaan itti hidhi.
EXO 28:28 Akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sun sabbata mudhiitiin walitti qabsiifamanii funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti haa qabsiifaman.
EXO 28:29 “Aroon yeroo iddoo qulqulluu ol seenu hunda akka fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo bara baraa taʼuuf laphee isaa irratti kiisii qomaa kan murtiitiin maqaa ilmaan Israaʼel ni baata.
EXO 28:30 Akka isaan yeroo Aroon fuula Waaqayyoo dura dhufu hunda laphee isaa irra jiraataniif Uriimii fi Tumiimii akkasuma kiisii qomaa keessa kaaʼi. Akkasiinis Aroon yeroo hunda miʼa ittiin Israaʼelootaaf murtii kennu fuula Waaqayyoo duratti laphee isaa irratti baata.
EXO 28:31 “Huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchi;
EXO 28:32 walakkaa gubbaa isaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchi. Akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra wanni faayeffamee qopheeffame haa jiraatu.
EXO 28:33 Naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti immoo kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaadhaan roomaanii hojjedhuutii gidduu isaatti immoo bilbila warqee tolchi.
EXO 28:34 Bilbilli warqeetii fi roomaaniin sun wal jala dadarbanii naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti haa hojjetaman.
EXO 28:35 Aroon yeroo tajaajilu wandaboo kana haa uffatu; akka inni hin duuneef yommuu inni fuula Waaqayyoo dura iddoo qulqulluu seenuu fi yommuu inni achii gad baʼutti sagaleen bilbila sanaa ni dhagaʼama.
EXO 28:36 “Warqee qulqulluu irraa faaya tolchii, Kan Waaqayyoof Qulqulleeffame, jedhiitii akkuma waan chaappaa irratti soofamuutti soofii barreessi.
EXO 28:37 Faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf funyoo bifa cuquliisaa itti hidhi; innis marata mataa fuula duraan haa taʼu.
EXO 28:38 Faayi kunis adda Aroon irra taaʼa; Aroonis yakka kennaawwan qulqulluu ilmaan Israaʼel dhiʼeessan keessatti argamu hunda ni baata. Kunis akka isaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama argataniif adda Aroon irra jiraata.
EXO 28:39 “Quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame dhoofsisiitii qomee hojjedhu; marata mataa illee quncee talbaa gaarii irraa tolchi. Sabbannis ogeessa harka qajeeluun haa tolfamu.
EXO 28:40 Akka ilmaan Aroonis ulfinaa fi miidhagina argataniif qomee, sabbataa fi marata mataa tolchiif.
EXO 28:41 Erga uffata kana obboleessa kee Aroonittii fi ilmaan isaatti uffiftee booddee dibii isaan muudi. Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniifis isaan qulqulleessi.
EXO 28:42 “Qumxaa wayyaa jalaa kan mudhiidhaa jalqabee hamma gudeedaatti qullaa namaa dhoksu quncee talbaa irraa hojjedhuuf.
EXO 28:43 Aroonii fi ilmaan isaa akka balleessaa hojjetanii hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan Iddoo Qulqulluu sanatti tajaajila kennuuf iddoo aarsaatti dhiʼaatan uffata kana uffachuu qabu. “Kunis Aroonii fi sanyii isaatiif sirna bara baraa haa taʼu.
EXO 29:1 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif wanni ati isaan qulqulleessuuf gootu kanaa dha; dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa kanneen mudaa hin qabne lama fuudhi.
EXO 29:2 Daakuu qamadii filatamaa irraa Maxinoo, Maxinoo zayitiidhaan sukkuumamee fi bixxillee zayitiin irra dibame tolchi.
EXO 29:3 Isaan kanas gundoo keessa kaaʼiitii dibichaa fi korbeeyyii hoolaa wajjin dhiʼeessi.
EXO 29:4 Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.
EXO 29:5 Uffatas fuudhiitii qomee, wandaboo dirataa, dirataa fi kiisii qomaa Aroonitti uffisi. Dirata sanas sabbata ogummaadhaan dhaʼameen hidhi.
EXO 29:6 Mataa isaatti marata mari; marata sanatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi.
EXO 29:7 Zayitii ittiin dibdu fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasuudhaan isa dibi.
EXO 29:8 Ilmaan isaa fidii qomee isaanitti uffisi;
EXO 29:9 mataa isaaniitti marata mari. Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi. Lubummaanis seera bara baraatiin kan isaanii ti. “Atis akkasiin Aroonii fi ilmaan isaa muudi.
EXO 29:10 “Dibicha sana gara fuula dunkaana wal gaʼiitti fidi; Aroonii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
EXO 29:11 Atis fuula Waaqayyoo duratti, balbala dunkaana wal gaʼii irratti isa qali.
EXO 29:12 Dhiiga dibicha sanaa irraa xinnoo fuudhiitii quba keetiin gaanfa iddoo aarsaa dibi; kan hafe immoo miilla iddoo aarsaa irratti dhangalaasi.
EXO 29:13 Moora miʼa garaatti haguugame hunda, haguuggii tiruutii fi moora kalee lamaanitti haguugame fuudhiitii iddoo aarsaa irratti gubi.
EXO 29:14 Foon dibicha sanaa, gogaa isaatii fi cumaa isaa garuu qubata keessaa gad baasii gubi. Inni aarsaa cubbuu ti.
EXO 29:15 “Korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fidi; Aroonii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
EXO 29:16 Korbeessa hoolaa sana qalii dhiiga isaa fuudhiitii gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
EXO 29:17 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutii miʼa garaatii fi luka isaa miiciitii mataa fi kutaawwan kaan wajjin kaaʼi.
EXO 29:18 Korbeessa hoolaa sana guutumaan guutuutti iddoo aarsaa irratti gubi. Kunis qalma Waaqayyoof gubamu, aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
EXO 29:19 “Korbeessa hoolaa kaan illee fidi; Aroonii fi ilmaan isaa harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
EXO 29:20 Korbeessa hoolaa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra Aroon mirgaatii fi fiixee gurra ilmaan isaa mirgaa dibi; quba abbuudduu harka mirgaa isaaniitii fi quba abbuudduu miilla mirgaa isaanii illee dibi. Dhiiga hafe immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
EXO 29:21 Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, zayitii ittiin diban irraas fuudhiitii Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaatii fi uffata isaaniitti facaasi. Akkasiin innii fi ilmaan isaa, uffanni isaaniis ni qulqullaaʼu.
EXO 29:22 “Korbeessa hoolaa kana irraas cooma, duboo, moora miʼa garaa haguugu, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanitti jiru, akkasumas tafa mirgaa fuudhii. Korbeessi hoolaa kunis hoolaa ittiin lubummaa kennanii dha.
EXO 29:23 Gundoo Maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura jiru sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhi.
EXO 29:24 Wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼiitii aarsaa sochoofamu godhii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi.
EXO 29:25 Ergasii immoo harka isaaniitii fuudhii akka urgaa Waaqayyotti tolu taʼuuf aarsaa gubamu wajjin iddoo aarsaa irratti gubi; kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
EXO 29:26 Erga handaraafa hoolaa Aroon ittiin luba taʼe sana fuutee booddee aarsaa sochoofamu godhiitii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi; kunis qooda kee ti.
EXO 29:27 “Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Aroonii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan luba taʼan aarsaa taʼee dhiʼaate sana qulqulleessi.
EXO 29:28 Kunis qooda bara baraa kan sabni Israaʼel yeroo hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif kennuu dha. Innis gumaacha sabni Israaʼel aarsaa nagaa irraa Waaqayyoof kennuu dha.
EXO 29:29 “Akka isaan ittiin dibamanii luba taʼaniif uffanni Aroon qulqulluun kan ilmaan isaa haa taʼu.
EXO 29:30 Ilmi iddoo isaa buʼee luba taʼuudhaan Iddoo Qulqulluu keessa tajaajiluuf gara dunkaana wal gaʼii dhufu bultii torba uffata kana haa uffatu.
EXO 29:31 “Korbeessa hoolaa isa ittiin luba taʼan sana fuudhiitii foon isaa Iddoo Qulqulluutti affeeli.
EXO 29:32 Aroonii fi ilmaan isaa foon hoolaa sanaatii fi buddeena gundoo irraa sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa nyaatan.
EXO 29:33 Isaanis aarsaa isaan ittiin luba taʼanii fi qulqulleeffamuu isaaniitiif ittiin araarri buʼe haa nyaatan. Sababii aarsaan sun qulqulluu taʼeef garuu namni kaan hin nyaatin.
EXO 29:34 Yoo foon korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan kam iyyuu yookaan buddeenni kam iyyuu hafee bule ibiddaan gubi; sababii qulqulluu taʼeef nyaatamuu hin qabu.
EXO 29:35 “Waan ani si ajaje hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif godhi. Bultii torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu.
EXO 29:36 Akka araarri buʼuufis guyyuma guyyaan dibicha qalii aarsaa cubbuu dhiʼeessi. Iddoo aarsaa sanaaf aarsaa araaraa dhiʼeessuudhaan qulqulleessi; addaan baasuudhaafis isa dibi.
EXO 29:37 Iddoo aarsaa sanaafis bultii torba araara buusiitii isa qulqulleessi. Yoos iddoon aarsaa sun waan hunda caalaa qulqulluu taʼa; wanni isa tuqu hundinuus ni qulqulleeffama.
EXO 29:38 “Wanni ati yeroo hunda iddoo aarsaa irratti guyyaa guyyaan dhiʼeessitu kanaa dha: Xobbaallaawwan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe lama;
EXO 29:39 tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi.
EXO 29:40 Xobbaallaa jalqabaa sana wajjinis daakuu baʼeessa isaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi; akkasumas daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuu godhii dhiʼeessi.
EXO 29:41 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin akkuma isa ganamaa sanaatti galgala dhiʼeessi; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
EXO 29:42 “Qalmi gubamu kun dhaloota dhufu keessattis yeroo hunda balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeeffamu. Anis gara keessan dhufee achitti isinitti nan dubbadha;
EXO 29:43 saba Israaʼel wajjinis achumatti wal argina; iddoon sunis ulfina kootiin ni qulqulleeffama.
EXO 29:44 “Ani dunkaana wal gaʼii fi iddoo aarsaa sana nan qulqulleessa; Aroonii fi ilmaan isaas akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif nan qulqulleessa.
EXO 29:45 Anis saba Israaʼel keessa nan jiraadha; Waaqa isaaniis nan taʼa.
EXO 29:46 Isaanis akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii kan gidduu isaanii jiraachuuf jedhee biyya Gibxiitii keessaa isaan baase taʼe ni beeku; ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti.
EXO 30:1 “Iddoo aarsaa kan ixaanni irratti aarfamu muka laaftoo irraa tolchi.
EXO 30:2 Iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkootii fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu; gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walitti waanuma tokko irraa haa tolfaman.
EXO 30:3 Gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee naannessii tolchi.
EXO 30:4 Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchi; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchi.
EXO 30:5 Danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii warqee itti uffisi.
EXO 30:6 Iddoo aarsaa sanas fuula golgaa taabota kakuu seeraa bira jiru sanaa dura, fuula teessoo araaraa kan kakuu seeraatiin ol jiruu dura iddoo ani itti si argu sana dhaabi.
EXO 30:7 “Aroon yommuu ganama ganama ibsaa qoqopheessutti iddoo aarsaa irratti ixaana urgaaʼaa haa aarsu.
EXO 30:8 Akka ixaanni sun dhaloota dhufu keessatti illee yeroo hunda fuula Waaqayyoo duratti aaruuf Aroon yommuu galgala galgala ibsaa qabsiisutti ixaana haa aarsu.
EXO 30:9 Iddoo aarsaa kana irratti ixaana gosa biraa yookaan qalma gubamu yookaan kennaa midhaanii hin dhiʼeessin; dhibaayyuus irratti hin dhibaafatin.
EXO 30:10 Aroonis waggaatti yeroo tokko gaanfawwan iddoo aarsaa irratti aarsaa araara buusu haa dhiʼeessu; aarsaan waggaatti dhiʼeeffamu kun dhiiga aarsaa cubbuu kan araarri ittiin argamu wajjin dhaloota dhufu keessatti haa dhiʼeeffamu. Aarsaan kunis Waaqayyoof waan hundumaa caalaa qulqulluu dha.”
EXO 30:11 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 30:12 “Yommuu ati baayʼina saba Israaʼel lakkooftutti tokkoon tokkoon namaa yeroo lakkaaʼamutti furii lubbuu isaa Waaqayyoof haa kennu. Yoos yeroo ati isaan lakkooftutti dhaʼichi tokko iyyuu isaan hin argatu.
EXO 30:13 Namni warra lakkaaʼamanitti dabalamu kam iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdamaa ulfaatu sanaatti walakkaa saqilii haa kennu. Walakkaan saqilii kunis kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
EXO 30:14 Warra lakkaaʼaman keessaa kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan isaa oli taʼe hundinuu Waaqayyoof kennaa haa dhiʼeessan.
EXO 30:15 Yommuu isin lubbuu keessan furuuf jettanii Waaqayyoof kennaa dhiʼeessitanitti sooreyyiin walakkaa saqiliitii oli hin kennin; hiyyeeyyiinis walakkaa saqiliitii gad hin kennin.
EXO 30:16 Maallaqa furii sanas Israaʼeloota harkaa fudhiitii tajaajila dunkaana wal gaʼii sanaa irra oolchi; kunis lubbuu keessaniif furii taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo saba Israaʼel taʼa.”
EXO 30:17 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 30:18 “Gabatee naasii kan miilla naasii qabu dhiqannaadhaaf tolchi. Isas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi.
EXO 30:19 Aroonii fi ilmaan isaa bishaani sanaan harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan.
EXO 30:20 Isaanis akka hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan bishaaniin dhiqatu; akkasumas yommuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubuudhaaf tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhiʼaatanitti,
EXO 30:21 akka hin duuneef harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. Kunis dhaloota dhufu keessatti Aroonii fi sanyii isaatiif seera dhaabataa taʼa.”
EXO 30:22 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 30:23 “Urgooftuuwwan urgooftuu hunda caalan jechuunis qumbii qulqulluu saqilii 500, qarafaa urgaaʼaa walakkaa isaa jechuunis saqilii 250, marga citaa urgaaʼaa saqilii 250,
EXO 30:24 burgudii saqilii 500 fudhadhu; hundi isaa iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluutti haa taʼu; akkasumas zayitii ejersaa iinii tokko fudhadhu.
EXO 30:25 Urgooftuuwwan kanneeniinis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa jechuunis makaa urgaaʼaa akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti tolchi. Kunis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa taʼa.
EXO 30:26 Zayitii kanaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraa,
EXO 30:27 minjaalaa fi miʼa isaa hunda, baattuu ibsaa fi miʼa isaa, iddoo aarsaa ixaanaa,
EXO 30:28 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibi.
EXO 30:29 Akka isaan waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniif isaan qulqulleessi; wanni isaan tuqu kam iyyuus ni qulqullaaʼa.
EXO 30:30 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa dibi qulqulleessi.
EXO 30:31 Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Kun zayitiin qulqulluu ittiin dhaloota dhufuuf jiru diban naaf haa taʼu.
EXO 30:32 Zayitii kana dhagna nama biraa irratti hin dhangalaasin yookaan zayitii kam iyyuu karaa kanaan hin qopheessin. Zayitiin kun qulqulluu dha; innis isiniif qulqulluu haa taʼu.
EXO 30:33 Namni shittoo shittoo sana fakkaatu hojjetu kan nama biraattis dibu saba isaa keessaa haa balleeffamu.’ ”
EXO 30:34 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Urgooftuu jechuunis hamphee urgaaʼu, elellaan urgaaʼu, aannan muka urgaaʼuu, ixaana makaa hin qabne kan hundi isaa iyyuu baayʼina wal qixxee qabu fudhadhuutii,
EXO 30:35 akkuma namni urgooftuu qopheessu tokko hojjetutti ixaana makamaa urgaaʼu tolchi. Ixaana kanattis soogidda naqiitii qulqulleessi; akka qulqulluu taʼus godhi.
EXO 30:36 Isa keessaas gartokko daakii bulleessiitii dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti si argu sana kaaʼi. Innis kan waan hunda caalaa qulqullaaʼuu isiniif haa taʼu.
EXO 30:37 Haala kanaan ixaana ofii keessaniif hin qopheeffatinaa; akka inni Waaqayyoof qulqulluu taʼes hubadhu.
EXO 30:38 Namni urgaa isaatti gammaduuf jedhee waan isa fakkaatu tokko illee hojjetu saba ofii keessaa haa balleeffamu.”
EXO 31:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 31:2 “Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera;
EXO 31:3 ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera;
EXO 31:4 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf;
EXO 31:5 akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
EXO 31:6 Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera.
EXO 31:7 “Isaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru, miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis
EXO 31:8 minjaalaa fi miʼa isaa, baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda, iddoo aarsaa ixaanaa,
EXO 31:9 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,
EXO 31:10 wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman, wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,
EXO 31:11 Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan.
EXO 31:12 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
EXO 31:13 “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin Sanbattoota koo eegaa. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif kun dhaloota dhufu keessatti anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼa.
EXO 31:14 “ ‘Waan Sanbanni isiniif qulqulluu taʼeef isa eegaa. Namni Sanbata xureessu haa ajjeefamu; namni guyyaa sana hojii hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
EXO 31:15 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun Waaqayyoof qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
EXO 31:16 Israaʼeloonni Sanbata kana kakuu bara baraa godhatanii dhaloota dhufu keessa haa eegan.
EXO 31:17 Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’ ”
EXO 31:18 Waaqayyo akkuma Gaara Siinaa irratti Museetti dubbatee raawwateen gabatee dhugaa lamaan jechuunis gabateewwan dhuga baʼumsaa kanneen qubni Waaqaa irratti barreesse sana isatti kenne.
EXO 32:1 Sabni sunis yommuu akka Museen tulluu irra ture argetti Aroonin marsee, “Musee namicha biyya Gibxiitii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii kaʼii waaqota nu dura deeman nuu tolchi” jedhe.
EXO 32:2 Aroon immoo, “Warqee gurraa kan niitonni keessan, ilmaan keessanii fi intallan keessan keeyyatan irraa baasaatii natti fidaa” jedhee deebiseef.
EXO 32:3 Namoonni hundinuu warqee gurra isaanii of irraa baasanii Aroonitti fidan.
EXO 32:4 Innis warqee sana isaan harkaa fuudhee miʼa ittiin hojjetaniin baqsee Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin hojjetame tokko tolche; isaanis, “Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha” jedhan.
EXO 32:5 Aroonis yommuu waan kana argetti fuula jabbii sanaa duratti iddoo aarsaa ijaaree, “Bori Waaqayyoof ayyaanni ni ayyaaneffama” jedhee labse.
EXO 32:6 Isaanis guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanii, aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas fidan. Kana irratti nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan.
EXO 32:7 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii gad buʼi.
EXO 32:8 Isaan dafanii karaa ani isaan ajaje irraa jalʼataniiru; Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin baqfamee qopheeffame illee ofii isaaniitiif tolfatanii aarsaa dhiʼeessaniifii, ‘Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha’ jedhanii isa waaqeffataniiru.
EXO 32:9 “Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; ‘Kunoo, ani akka sabni kun mata jabeessa taʼe argeera.
EXO 32:10 Kanaafuu akka aariin koo isaanitti bobaʼuu fi akka ani isaan balleessuuf na dhiisi. Yommus ani saba guddaa si taasisa.’ ”
EXO 32:11 Museen garuu fuula gargaarsa Waaqayyo Waaqa isaa barbaaddate; akkanas jedhe; “Yaa Waaqayyo, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa?
EXO 32:12 Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin.
EXO 32:13 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan samii irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu.”
EXO 32:14 Kana irratti Waaqayyo yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise.
EXO 32:15 Museenis gabateewwan kakuu lamaan sana harkatti qabatee deebiʼee tulluu irraa gad buʼe. Gabatee sana irrattis karaa lachuu, duraa duubaan barreeffamee ture.
EXO 32:16 Gabateewwan sanas Waaqatu hojjete; katabbiin sunis katabbii Waaqaa kan gabateewwan sana irratti soofamee barreeffamee dha.
EXO 32:17 Iyyaasuunis yommuu waca namootaa dhagaʼetti Museedhaan, “Iddoo buufataa keessa sagalee waraanaatu jira” jedhe.
EXO 32:18 Museen immoo akkana jedhee deebise: “Sagaleen ani dhagaʼu kun sagalee sirbaati malee sagalee mooʼuu, yookaan sagalee moʼatamuu miti.”
EXO 32:19 Museenis akkuma iddoo qubataatti dhiʼaatee jabbii fi shuubbisa sana argeen aaree gubate; gabateewwan sana harka isaa irraa darbatee tulluu sana jalatti caccabse.
EXO 32:20 Innis jabbii jarri tolchan sana fuudhee ibiddaan gube; daakee bulleessees bishaanitti firfirsee Israaʼeloota obaase.
EXO 32:21 Museenis Arooniin, “Sabni kun maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkasii keessa isaan buufte?” jedhe.
EXO 32:22 Aroon immoo deebisee akkana jedhe; “Yaa gooftaa ko, aartee hin gubatin; akka sabni kun gara hamminaatti jalʼatu atuu beekta.
EXO 32:23 Isaan, ‘Musee namicha Gibxii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii waaqota nu dura deeman nuu tolchi’ naan jedhan.
EXO 32:24 Anis, ‘Namni warqee qabu of irraa haa baasu’ jedheen; isaanis warqee sana natti kennan; anis ibidda keessa nan buuse; inni immoo jabbii taʼee baʼe!”
EXO 32:25 Museen akka sabni sun gad dhiisiitti jiraate, Aroonis akka isaan toʼannaadhaan ala taʼan akka godhee fi akka isaan diinota isaanii birattis waan kolfaa taʼan arge.
EXO 32:26 Kanaafuu Museen karra qubataa dura dhaabatee, “Mee warri gara Waaqayyo gortan hundi gara koo kottaa” jedhe. Lewwonni hundis isa biratti walitti qabaman.
EXO 32:27 Ergasii inni akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Tokkoon tokkoon namaa mudhii isaatti goraadee haa hidhatu; tokkoon tokkoon namaas qubata sana keessa karra tokko irraa gara karra kaaniitti asii fi achi deemee obboloota isaa, michoota isaatii fi ollaa isaa haa ajjeesu.’ ”
EXO 32:28 Lewwonnis akkuma Museen isaan ajaje godhan; guyyaa sana saba sana keessaa nama gara kuma sadiitu duʼe.
EXO 32:29 Museenis, “Isin waan ilmaan keessanii fi obboloota keessanitti kaataniif harʼa Waaqayyoof addaan baafamtaniirtu; innis guyyaa harʼaa isin eebbiseera” jedhe.
EXO 32:30 Museen guyyaa itti aanutti saba sanaan, “Isin cubbuu guddaa hojjettaniirtu. Garuu ani amma gara Waaqayyootti ol nan baʼa; tarii ani cubbuu keessaniif araara nan buusa taʼa” jedhe.
EXO 32:31 Museenis deebiʼee gara Waaqayyoo dhaqee akkana jedhe; “Wayyoo! Sabni kun cubbuu akkam guddaa hojjete! Isaan ofii isaaniitiif waaqota warqee tolfataniiru.
EXO 32:32 Taʼus maaloo amma cubbuu isaanii dhiisiif; yoo kanaa achi kitaaba barreessite sana keessaa maqaa koo haqi.”
EXO 32:33 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Ani nama cubbuu natti hojjete kitaaba koo irraa nan haqa.
EXO 32:34 Amma kaʼiitii gara lafa ani sitti hime sanaatti saba kana qajeelchi; kunoo ergamaan koos fuula kee dura ni deema. Garuu gaafa yeroon ani isaan adabu gaʼutti ani cubbuu isaaniitiif isaan nan adaba.”
EXO 32:35 Sababii balleessaa isaan jabbii Aroon tolche sanaan hojjetaniitiif Waaqayyo balaadhaan saba sana dhaʼe.
EXO 33:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi sabni ati biyya Gibxiitii baaftee fidde kun asii baʼaatii gara biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif, ‘Ani sanyii keetiif nan kenna’ jedhee kakadhe sanaa dhaqaa.
EXO 33:2 Ani ergamaa koo fuula kee duraan ergee Kanaʼaanota, Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota ariʼee nan baasa.
EXO 33:3 Gara biyya aannanii fi dammi keessaa burquu dhaqi. Garuu waan ati saba mata jabeessa taateef ani akka karaatti si hin balleessineef si wajjin hin deemu.”
EXO 33:4 Jarri yommuu oduu hamaa kana dhagaʼanitti gadduu jalqaban; isaan keessaas namni tokko iyyuu faaya tokko illee hin kaaʼanne.
EXO 33:5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedheeraatii; “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin saba mata jabeeyyii dha. Ani utuu yeruma muraasa illee isin wajjin deemee silaa isin balleessa ture; isin amma faayawwan keessan of irraa baasaa; anis waanan isin godhu nan murteessaa.’ ”
EXO 33:6 Kanaafuu Israaʼeloonni Gaara Kooreeb biratti faayawwan isaanii of irraa baasan.
EXO 33:7 Museen dunkaana tokko fuudhee iddoo qubataa sana keessaa baasee achi fageessee dhaaba ture; dunkaana sanas, “dunkaana wal gaʼii” jedhee moggaase. Namni Waaqayyoon barbaadatu hundinuu iddoo qubataa sana keessaa baʼee gara dunkaana wal gaʼii sanaa dhaqa ture.
EXO 33:8 Yeroo Museen baʼee gara dunkaana sanaa dhaqu hunda sabni hundinuu kaʼee balbala dunkaana ofii isaa dura dhaabatee hamma inni dunkaanicha seenutti ilaala ture.
EXO 33:9 Yeroo Museen dunkaana sana seenutti utubaan duumessaa gad buʼee balbala dunkaanichaa dura dhaabata ture; Waaqayyos Musee wajjin dubbata ture.
EXO 33:10 Sabni yeroo utubaa duumessaa kan balbala dunkaanaa dura dhaabatu argutti hundi isaa ol kaʼee tokkoon tokkoon namaa dunkaana ofii isaa duratti sagada ture.
EXO 33:11 Waaqayyos akkuma nama michuu isaa wajjin haasaʼu tokkootti ifumaan ifatti Museetti dubbachaa ture. Ergasiis Museen iddoo qubataatti deebiʼa ture; gargaaraan isaa, Iyyaasuun ilmi Nuuni dargaggeessi suni garuu dunkaana sana biraa hin deemu ture.
EXO 33:12 Museen Waaqayyoon akkana jedhe; “Ilaa, ati, ‘saba kana dura buʼii baasi’ naan jetteerta; garuu ana wajjin eenyun akka ergitu na hin beeksifne. Ati, ‘Ani maqaadhaan si beeka; ati na biratti fudhatama argateerta’ jette.
EXO 33:13 Ammas ani fuula kee duratti surraa argadhee yoon jiraadhe, akka ani si beekuu fi akka ani fuula kee duratti surraa argadhuuf karaa kee na barsiisi; akka sabni kun saba kee taʼes yaadadhu.”
EXO 33:14 Waaqayyos deebisee, “Ani si wajjin nan deema; boqonnaas siifin kenna” jedhe.
EXO 33:15 Museen immoo akkana jedheen; “Yoo ati nu wajjin deemuu baate, asii nu hin baasin.
EXO 33:16 Ati nu wajjin deemuu baannaan namni akkamiin akka ati anaa fi saba keetti gammaddu beeka? Wanni anaa fi saba kee saboota lafa irraa kaan hunda irraa addaan baasu biraa maali ree?”
EXO 33:17 Waaqayyo immoo Museedhaan, “Ani waan ati amma kadhatte kana nan godha; ati fuula koo duratti ayyaana argatteertaatii; anis maqaadhaan si beeka” jedhe.
EXO 33:18 Museenis, “Maaloo ulfina kee na argisiisi” jedhe.
EXO 33:19 Waaqayyo immoo akkana jedhe; “Ani gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa; maqaa Waaqayyoo fuula kee duratti nan labsa. Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa.
EXO 33:20 Garuu waan namni fuula koo argee jiraachuu hin dandeenyeef ati fuula koo arguu hin dandeessu.”
EXO 33:21 Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Kunoo as na bira iddoon ati kattaa irra dhaabachuu dandeessu jira.
EXO 33:22 Ani yeroo ulfinni koo darbuutti jiru holqa kattaa keessa si kaaʼee hamma ani darbutti harka kootiin si daʼeessa.
EXO 33:23 Ergasiis ani harka koo nan fudhadha; atis dugda koo ni argita; fuulli koo garuu argamuu hin qabu.”
EXO 34:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen duraa sanaatti soofi; anis dubbii gabateewwan ati caccabsite sana irra turan isaan irratti nan barreessa.
EXO 34:2 Atis ganamaan qophaayiitii Tulluu Siinaatti ol baʼi. Achitti, fiixee tulluu sanaa irratti fuula koo duratti of dhiʼeessi.
EXO 34:3 Namni tokko iyyuu si wajjin hin dhufin yookaan tulluu sana irratti eessumattuu hin mulʼatin. Bushaayee fi loon iyyuu fuula tulluu sanaa duratti hin bobbaʼin.”
EXO 34:4 Museenis gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti soofe; innis gabateewwan lamaanis harkatti qabatee akkuma Waaqayyo isa ajajetti ganama bariin Tulluu Siinaatti ol baʼe.
EXO 34:5 Waaqayyo duumessaan gad buʼee isa wajjin achi dhaabate; maqaa Waaqayyoos ni labse.
EXO 34:6 Waaqayyo fuula Musee dura darbee akkana jedhee labse; “Waaqayyo, Waaqayyo Waaqa gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa,
EXO 34:7 kan araara isaa dhaloota kumaatamaaf tursu, kan hammina, fincilaa fi cubbuu namaaf dhiisuu dha. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii ni adaba.”
EXO 34:8 Museen yommuu suma lafatti gad jedhee sagade.
EXO 34:9 Innis, “Yaa Gooftaa, yoo ani fuula kee duratti ayyaana argadhee jiraadhe, Gooftaan nu wajjin haa deemu. Yoo sabni kun saba mata jabeessa taʼe illee hammina keenyaa fi cubbuu keenya nuu dhiisi; dhaala kees nu godhadhu” jedhe.
EXO 34:10 Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Kunoo ani si wajjin kakuu nan gala. Ani fuula saba kee hundaa duratti dinqiiwwan kanaan dura saba kam iyyuu keessatti, addunyaa hunda keessatti takkumaa hin hojjetamin nan hojjedha. Sabni ati keessa jiraattus akka hojiin ani Waaqayyo siif hojjedhu hammam sodaachisaa taʼe ni arga.
EXO 34:11 Waan ani harʼa si ajajuuf ajajami. Anis Amoorota, Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota fuula kee duraa ariʼee nan baasa.
EXO 34:12 Akka warra biyya ati itti galuuf deemtu sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu; yoo kanaa achii isaan kiyyoo sitti taʼu.
EXO 34:13 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa.
EXO 34:14 Sababii Waaqayyo maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Waaqa hinaafu taʼeef ati Waaqa biraa hin waaqeffatin.
EXO 34:15 “Ati akka warra biyya sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu. Sababiin isaa isaan yommuu waaqota isaanii wajjin sagaagalanii fi yommuu waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessanitti si waamu; atis aarsaa isaanii ni nyaatta.
EXO 34:16 Yeroo ati ilmaan kee intallan isaanii fuusiftee, intallan isaanii sun waaqota isaanii wajjin sagaagalanitti isaan akka ilmaan kees akkuma isaanii sagaagalan godhu.
EXO 34:17 “Waaqota tolfamoo baqfamanii hojjetaman hin tolfatin.
EXO 34:18 “Ayyaana Maxinoo ayyaaneffadhu. Ati sababii jiʼa Abiibii keessa Gibxii baateef akkuma ani si ajaje sanatti jiʼa Abiibii keessa yeroo murteeffametti bultii torba Maxinoo nyaadhu.
EXO 34:19 “Kan jalqabatti gadameessa saaqee baʼu hundi kan koo ti; kormi horii keetii hangafni jechuunis kormi looniitii fi kormi hoolotaa hangafni koo ti.
EXO 34:20 Harree hangafa xobbaallaa hoolaatiin furi; yoo furuu baatte immoo morma isaa cabsi. Ilmaan kee hangafa hundas furi. “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin.
EXO 34:21 “Guyyaa jaʼa hojii hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu boqodhu. Yeroo qonnaatii fi yeroo midhaan galfamutti boqodhu.
EXO 34:22 “Mataa qamadii jalqabaa irratti Ayyaana Torbanootaa ayyaaneffadhu; dhuma waggaa irratti immoo ayyaana galchaa midhaanii ayyaaneffadhu.
EXO 34:23 Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii fuula Waaqayyo Gooftaa, fuula Waaqa Israaʼel duratti haa dhiʼaatan.
EXO 34:24 Ani Namoota Ormaa si duraa ariʼee nan baasa; daangaa kee nan balʼisa; yoo ati waggaatti yeroo sadii Waaqayyo Waaqa kee duratti dhiʼaachuu dhaqxus namni tokko iyyuu biyya kee fudhachuu hin hawwu.
EXO 34:25 “Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin; qalmi Ayyaana Faasiikaa irraa hafus hamma bariitti hin turin.
EXO 34:26 “Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.”
EXO 34:27 Waaqayyos Museedhaan, “Dubbii kana barreessi; ani akkuma dubbii kanaatti siʼii fi saba Israaʼel wajjin kakuu galeeraatii” jedhe.
EXO 34:28 Museenis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Waaqayyo bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse.
EXO 34:29 Museen gabateewwan Dhuga baʼumsaa lamaan sana harkatti qabatee Tulluu Siinaa irraa gad buʼe; innis sababii Waaqayyo wajjin dubbachaa tureef akka fuulli isaa calaqqisu hin beekne ture.
EXO 34:30 Yommuu Aroonii fi sabni Israaʼel hundi Musee arganitti kunoo, fuulli isaa calaqqisaa ture; isaanis isatti dhiʼaachuu sodaatan.
EXO 34:31 Museen garuu isaan waame; Aroonii fi bulchitoonni hawaasichaa hundinuus gara isaatti deebiʼan; innis isaanitti dubbate.
EXO 34:32 Sabni Israaʼel hundi isatti dhiʼaate; innis waan Waaqayyo Gaara Siinaa irratti isatti dubbate hunda isaan ajaje.
EXO 34:33 Museen yommuu isaanitti dubbatee fixatetti fuula isaa haguuggate.
EXO 34:34 Yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuudhaaf fuula isaa duratti ol seenu garuu hamma achii baʼutti haguuggii sana of irraa fuudha ture. Yommuu inni achii baʼee waan ajajame sana saba Israaʼelitti himutti,
EXO 34:35 isaan akka fuulli isaa calaqqisu argan. Ergasii Museen hamma Waaqayyo wajjin dubbachuuf ol galutti fuula isaa deebisee haguuggata ture.
EXO 35:1 Museen waldaa Israaʼel guutuu walitti qabee akkana jedheen; “Wanni Waaqayyo akka isin hojjettan isin ajaje kana:
EXO 35:2 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu isiniif guyyaa qulqulluu dha; Waaqayyoof immoo sanbata boqonnaa taʼa. Namni guyyaa kana hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
EXO 35:3 Guyyaa Sanbataatiin lafa jiraattan kamitti iyyuu ibidda hin qabsiisinaa.”
EXO 35:4 Museenis waldaa Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo ajaje kana:
EXO 35:5 Waan qabdan irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu: “kennaa warqee, meetii fi naasii Waaqayyoof haa fidu.
EXO 35:6 Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa gaarii, rifeensa reʼee,
EXO 35:7 gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame, muka laaftoo,
EXO 35:8 ibsaadhaaf zayitii ejersaa, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼuuf immoo urgooftuuwwan,
EXO 35:9 dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamu kan biraa haa fidu.
EXO 35:10 “Isin keessaa namoonni ogeeyyiin hundi dhufanii waan Waaqayyo ajaje hunda haa hojjetan:
EXO 35:11 “Kunis dunkaana qulqulluu dunkaana isaatii fi irra buusaa isaa wajjin, hokkoowwan isaa, tuggee isaa, dagalee isaa, utubaa isaa, miilla isaa,
EXO 35:12 taabota danqaraa isaa wajjin, teessoo araaraatii fi golgaa isa dhoksus,
EXO 35:13 minjaala danqaraa isaatii fi miʼa isaa hunda wajjin, buddeena ilaalchaa;
EXO 35:14 baattuu ibsaa kan ifaaf taʼu miʼa isaa wajjin, ifa sanaafis ibsaa fi zayitii,
EXO 35:15 iddoo aarsaa ixaanaa danqaraa isaa wajjin, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼu, karra ittiin dunkaana qulqulluu seenaniifis golgaa balbalaa,
EXO 35:16 iddoo aarsaa kan qalma gubamuu gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, caabii naasii miilla isaa wajjin,
EXO 35:17 golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa,
EXO 35:18 dunkaana qulqulluu fi qofoowwan oobdii dunkaana qulqulluutii fi funyoowwan isaanii,
EXO 35:19 wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen isaan yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan haa hojjetan.”
EXO 35:20 Ergasiis hawaasni Israaʼel guutuun Musee biraa baʼanii deeman;
EXO 35:21 namni fedhii qabuu fi namni yaadni isaa isa kakaase hundi dhufee hojii dunkaana wal gaʼii sanaatiif, tajaajila isaa hundaa fi hojii wayyaawwan qulqulluu sanaatiif kennaa Waaqayyoof fide.
EXO 35:22 Dhiirrii fi dubartiin fedhii qaban hundi miʼa warqee irraa hojjetame kanneen gosa gosaa fidan; bitawoo, lootii, qubeelaa fi faaya fidan. Hundi isaanii iyyuu warqee isaanii aarsaa sochoofamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
EXO 35:23 Namni kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee yookaan bildiimaa yookaan quncee talbaa baʼeessa yookaan rifeensa reʼee, kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame qabu hundi ni fide.
EXO 35:24 Warri kennaa meetii yookaan naasii dhiʼeessan kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhanii fidan. Namni muka laaftoo kan qooda hojii sanaa kamiif iyyuu taʼu qabu hundas ni fide.
EXO 35:25 Dubartoonni ogeeyyiin hundis harkaan foʼanii kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessa foʼan sana fidan.
EXO 35:26 Dubartoonni fedhii fi ogummaa qaban hundinuus rifeensa reʼee foʼan.
EXO 35:27 Bulchitoonni dhagaawwan sardooniksii fi dhagaawwan gati jabeeyyii biraa dirataa fi kiisii qomaatti akka kaaʼatamuuf fidan.
EXO 35:28 Akkasumas urgooftuu fi zayitii ibsaadhaaf, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼus fidan.
EXO 35:29 Dhiironnii fi dubartoonni Israaʼel warri fedhii qaban hundi hojii akka isaan hojjetaniif Waaqayyo karaa Museetiin isaan ajaje sana hundaaf fedhii isaaniitiin Waaqayyoof kennaa fidan.
EXO 35:30 Yommus Museen saba Israaʼeliin akkana jedhe; “Ilaa Waaqayyo gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri ilma Huuri filateera;
EXO 35:31 Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera.
EXO 35:32 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf,
EXO 35:33 akka dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
EXO 35:34 Waaqnis Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sanaaf dandeettii isaan ittiin warra kaan barsiisan kenne.
EXO 35:35 Akka isaan ogeeyyii hojii harkaa, bifa baastotaa fi warra kirrii bifa cuquliisaatiin, dhiilgeen, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessaan miidhagsanii fi wayyaa dhooftota hundi isaanii ogeeyyii hojii harkaatii fi bifa baastota taʼaniif ogummaa hojii gosa hundaa hojjechuutiin isaan guute.
EXO 36:1 Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi namni Waaqayyo ogummaa fi dandeettii isaan ittiin hojii ijaarsa iddoo qulqulluu sanaa hunda beekan kenneef hundi akkuma Waaqayyo ajajetti hojii kana haa hojjetan.”
EXO 36:2 Museen Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi ogeessa Waaqayyo dandeettii kenneef kan dhufee hojii sana hojjechuuf fedhii qabu hunda waame.
EXO 36:3 Isaanis kennaawwan Israaʼeloonni ijaarsa iddoo qulqulluu sanaatiif jedhanii fidan hunda Musee harkaa fuudhan. Namoonni Israaʼelis fedhii isaaniitiin ganama ganama kennaa isaanii fiduu itti fufan.
EXO 36:4 Ogeeyyiin hojii harkaa kanneen iddoo qulqulluu sana hojjetan hundi hojii isaanii dhiisanii dhufanii
EXO 36:5 Museedhaan, “Sabni kun waan hojii Waaqayyo akka hojjetamuuf ajaje sanaaf barbaachisu caalaa fidaa jira” jedhan.
EXO 36:6 Museenis ajaja kenne; isaanis, “Dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu waan biraa tokko illee kennaa godhee iddoo qulqulluu sanaaf hin dhiʼeessin” jedhanii iddoo qubataa sana keessatti labsan. Kanaafuu namoonni itti fufanii waa fiduu dhowwaman.
EXO 36:7 Wanti isaan duraanuu qaban hojii hunda hojjechuuf gaʼaa fi irraa hafaa tureetii.
EXO 36:8 Hojjettoota sana keessaas ogeeyyiin hundi golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu haa hojjetan; golgaawwan sana irrattis ogeeyyiin harka qajeelan kiirubeelii hojjetan.
EXO 36:9 Golgaawwan sun hundinuu wal qixxee taʼanii tokkoon tokkoon isaanii dheerina dhundhuma digdamii saddeetiitii fi balʼina dhundhuma afur qabu ture.
EXO 36:10 Isaanis golgaawwan shan walitti qabsiisan; shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisan.
EXO 36:11 Isaanis golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchan; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolfaman.
EXO 36:12 Isaanis golgaa tokko irratti gurroowwan shantama tolchan; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa isa moggaa irratti tolchan; gurroowwan sunis gamaa gamanaan turan.
EXO 36:13 Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchanii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisan.
EXO 36:14 Isaanis haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu sanaa irra jiru haguuguuf golgaawwan rifeensa reʼee kudha tokko hojjetan.
EXO 36:15 Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee turan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur ture.
EXO 36:16 Isaanis golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisan; golgaawwan kaan jaʼaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisan.
EXO 36:17 Ergasiis golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan.
EXO 36:18 Akka dunkaanni sun tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf qabduuwwan naasii shantama tolchan.
EXO 36:19 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjetan.
EXO 36:20 Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjetan.
EXO 36:21 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
EXO 36:22 Tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama qaba ture. Tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchan.
EXO 36:23 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjetan;
EXO 36:24 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchan.
EXO 36:25 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchan.
EXO 36:26 Isaaniifis miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchan.
EXO 36:27 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa hojjetan.
EXO 36:28 Karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchan.
EXO 36:29 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkanuma hojjetan.
EXO 36:30 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu ture; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba ture.
EXO 36:31 Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchan; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan,
EXO 36:32 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif shan, tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchan.
EXO 36:33 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhan.
EXO 36:34 Tuggeewwan sanaattis warqee dibanii akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchan. Dagaleewwan sanaattis akkasuma warqee uffisan.
EXO 36:35 Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tolchan; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii tolche.
EXO 36:36 Golgaa sanaafis utubaawwan muka laaftoo afur tolchanii warqee itti uffisan; utubaa sanaafis hokkoowwan warqee hojjetanii miilla meetii afur itti tolchan.
EXO 36:37 Isaanis balbala dunkaanichaatiif golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessanii tolchan.
EXO 36:38 Isaanis utuboota hokkoo qaban shan hojjetanii, fiixee fi somaawwan utubootaatti warqee uffisan; miilla isaanii shananis naasii irraa tolchan.
EXO 37:1 Bezaliʼeel muka laaftoo irraa taabota tolche; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture.
EXO 37:2 Innis keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffise; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessee tolche.
EXO 37:3 Qubeelaa warqee afur tolcheefii miilla isaa afranitti qabsiise; qubeelaa lama gama tokkoon, qubeelaa kaan immoo gama kaaniin itti kaaʼe.
EXO 37:4 Ergasiis muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqee itti uffise.
EXO 37:5 Innis taabota sana ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loose.
EXO 37:6 Innis warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolche; teessoon sunis dheerina dhundhuma lamaa fi walakkaa fi balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaa qaba ture.
EXO 37:7 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolche.
EXO 37:8 Innis Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, Kiirubii lammaffaa moggaa kaan irratti tolche; kiirubeelii lamaan sana moggaa teessoo araaraa lamaan irratti teessoo araaraa wajjin mukuma tokko irraa tolche.
EXO 37:9 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa sanatti gaaddiseessu turan. Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii gara teessoo araaraa ilaalu turan.
EXO 37:10 Isaanis muka laaftoo irraa minjaala dalga dheerinni isaa dhundhuma lama, balʼinni isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa tolchan.
EXO 37:11 Isaanis warqee qulqulluu itti uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee tolchan.
EXO 37:12 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchan.
EXO 37:13 Isaanis qubeelaa warqee afur minjaala sanaaf hojjetanii iddoo miilli afran turetti goleewwan afranitti qabsiisan.
EXO 37:14 Qubeelaawwan sunis akka danqaraa minjaalli sun ittiin baatamu qabaniif xiyyoo sanatti dhiʼeeffamanii kaaʼaman.
EXO 37:15 Danqaraawwan minjaalli ittiin baatamu sun muka laaftoo irraa hojjetamanii warqeen itti uffifamee ture.
EXO 37:16 Miʼoota minjaala sana irra kaaʼaman jechuunis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, waciitiiwwan isaatii fi okkoteewwan isaa kanneen ittiin dhibaayyuu dhibaafatan warqee qulqulluu irraa tolchan.
EXO 37:17 Baattuu ibsaa, somaa isaatii fi damee isaa wajjin warqee qulqulluu irraa tumanii tolchan; waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa illee warqeedhuma tokko irraa tolchan.
EXO 37:18 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon sadii immoo gama kaaniin baafaman.
EXO 37:19 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchan. Dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchan.
EXO 37:20 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin tolfaman afur baattuu ibsaa sana irra turan.
EXO 37:21 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture; walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture.
EXO 37:22 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa tolfaman.
EXO 37:23 Ibsaa torban sana, waan ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi baattuu daaraa sana baattu illee warqee qulqulluu irraa tolchan.
EXO 37:24 Baattuu ibsaatii fi miʼa isaa hunda warqee qulqulluu taalaantii tokko irraa tolchan.
EXO 37:25 Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa ixaanaa tolchan; iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkoo fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture. Gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walumatti hojjetaman.
EXO 37:26 Isaanis gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee naannessanii tolchan.
EXO 37:27 Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchan; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchan.
EXO 37:28 Isaanis danqaraawwan muka laaftoo tolchanii warqee itti uffisan.
EXO 37:29 Akkasumas akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti zayitii ittiin diban qulqulluu fi ixaana urgaaʼaa makaa hin qabne tolchan.
EXO 38:1 Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa qalma gubamuu kan dhundhuma sadii ol dheeratu ijaaran; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture.
EXO 38:2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchan; gaanfaa fi iddoo aarsaa sana mukuma tokko irraa tolchan; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisan.
EXO 38:3 Isaanis miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchan.
EXO 38:4 Iddoo aarsaa sanaafis naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjetanii akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol baʼee marsaa isaa jalaan jiraatu godhan.
EXO 38:5 Akka isaan danqaraawwan qabataniifis goleewwan gingilchaa naasii sanaa afraniif qubeelaawwan naasii hojjetan.
EXO 38:6 Danqaraawwan muka laaftoos tolchanii naasii itti uffisan.
EXO 38:7 Iddoo aarsaa sana ittiin baachuufis danqaraawwan sana qubeelaawwan gamaa gamanaan iddoo aarsaa irra jiran keessa galchan. Iddoo aarsaa sanas keessa isaa duwwaa godhanii saanqaa irraa tolchan.
EXO 38:8 Isaanis gabatee itti dhiqatan kan naasii miilla isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin of ilaaleewwan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii dura tajaajilanii irraa tolchan.
EXO 38:9 Kanatti aansanii oobdii tolchan. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame irraa hojjetames qaba ture;
EXO 38:10 utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan kunneenis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa hojjetaman qabu ture.
EXO 38:11 Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan sunis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa tolfaman qabu turan.
EXO 38:12 Gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaba ture; hokkoowwanii fi somaawwan utuboota sanaas meetii irraa hojjetaman.
EXO 38:13 Fiixee baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin dhundhuma shantama balʼata ture.
EXO 38:14 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra turan.
EXO 38:15 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis balbala oobdii sana irra gama kaaniin turan.
EXO 38:16 Golgaawwan naannoo oobdii sanaa hundi quncee talbaa kan qaldhifamee foʼame irraa tolfaman.
EXO 38:17 Miillawwan utuboota sanaa naasii irraa tolfaman. Hokkoowwanii fi somaawwan utubootaa immoo meetii irraa tolfamanii fiixee utuboota sanaatti meetii uffisan. Utuboonni oobdii sanaa hundinuus somaawwan meetii qabu turan.
EXO 38:18 Golgaan balbala oobdii sanaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tolfame. Innis dhundhuma digdama dalga dheeratee akkuma oobdichaa dhundhuma shan ol dheerata ture;
EXO 38:19 utubaa afurii fi miilla naasii afuris qaba ture. Hokkoowwanii fi somaawwan isaanii meetii irraa tolfamanii fiixee isaaniitti meetiin uffifamee ture.
EXO 38:20 Qofoon dunkaana qulqulluutii fi qofoon naannoo oobdii sanaa hundi naasii irraa tolfaman.
EXO 38:21 Baayʼinni miʼa dunkaanni qulqulluun jechuunis dunkaanni dhuga baʼumsaa ittiin hojjetamee kan Lewwonni ajaja Museetiin qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin galmeessan kanaa dha.
EXO 38:22 Bezaliʼeel ilmi Uuri jechuunis ilmi ilma Huur namichi gosa Yihuudaa sun waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjete.
EXO 38:23 Oholiiyaab ilmi Ahiisaamaak namichi gosa Daan sunis isa wajjin ture; innis ogeessa hojii harkaa, ogeessa bifa baasuu fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen waa faayessu ture.
EXO 38:24 Baayʼinni warqee aarsaa sochoofamuu kan hojii iddoo qulqulluu sanaa hunda irra oole walumaa galatti akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 29 fi saqilii 730 ture.
EXO 38:25 Meetiin namoota waldaa keessaa lakkaaʼaman irraa argames akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 100 fi saqilii 1,775 ture.
EXO 38:26 Namoonni warra duraan lakkaaʼamanii jiranitti dabalaman kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan hammanaa ol taʼe 603,550 turan. Isaan kunneenis akka madaalii iddoo qulqulluutti matuma mataan beekaa tokko tokko jechuun walakkaa saqilii tokko tokkoo baasan.
EXO 38:27 Meetii taalaantii 100 sanaan miillawwan iddoo qulqulluutii fi miillawwan golgaatu hojjetame; taalaantii 100 fi miilla 100 hojjetame; miilla tokkoof taalaantii tokkotu barbaachise jechuu dha.
EXO 38:28 Isaanis saqilii 1,775 sana hokkoo utubaawwanii tolchuuf, fiixee utubaawwaniitti uffisuu fi somaawwan isaanii tolchuuf itti fayyadaman.
EXO 38:29 Naasiin aarsaa sochoofamuus taalaantii 70 fi saqilii 2,400 ture.
EXO 38:30 Isas miilla balbala dunkaana wal gaʼii, iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetamee fi miʼa isaa hunda tolchuuf itti fayyadaman;
EXO 38:31 akkasumas miilli naannoo oobdii, miilli balbala oobdii, qofoowwan dunkaana qulqulluu hundii fi qofoowwan naannoo oobdii hundi naasii irraa hojjetaman.
EXO 39:1 Isaanis uffata kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan dhaʼame kan iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf fayyadu hojjetan. Akkuma Waaqayyo Musee ajajettis uffata qulqulluu Arooniif hojjetan.
EXO 39:2 Isaanis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjetan.
EXO 39:3 Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa qalʼaa isaa tolchuuf jedhanii warqee sana ogummaa harkaatiin tumanii akka baalaatti haphisanii foʼaa foʼaatti gargar kukkutan.
EXO 39:4 Isaanis akka inni walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii kan golee isaa lamaanitti hidhamee ture dirata sanaaf tolchan.
EXO 39:5 Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
EXO 39:6 Isaanis dhagaawwan sardooniksii qopheessanii marsaa faaya warqee naannoo isaatti tolchan; maqaa ilmaan Israaʼelis akka chaappaatti isaan irratti soofan.
EXO 39:7 Ergasiis akka ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf akkuma Waaqayyo Musee ajajetti dhagaawwan sana funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisan.
EXO 39:8 Isaanis akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen ogummaadhaan kiisii qomaa tolchan.
EXO 39:9 Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee ture; innis walitti dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokkoo qaba ture.
EXO 39:10 Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansan. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee,
EXO 39:11 toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz,
EXO 39:12 toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti,
EXO 39:13 toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansan. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchan.
EXO 39:14 Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame ni turan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabate.
EXO 39:15 Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼanii tolchan.
EXO 39:16 Isaanis marsaa faaya warqee lamaa fi qubeelaa warqee lama tolchanii qubeelaawwan sana rogawwan kiisii qomaa keessaa lamatti guduunfan.
EXO 39:17 Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfan.
EXO 39:18 Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfanii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisan.
EXO 39:19 Qubeelaawwan warqee lama tolchanii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti qabsiisan.
EXO 39:20 Ergasiis qubeelaawwan warqee lama biraa tolchanii sabbata mudhiitii olitti garjalee funyoo gatiittii lamaan, fuula dirataa duraan jiru sanaatti qabsiisan.
EXO 39:21 Isaanis akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sana sabbata mudhiitiin walitti qabsiisanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti qabsiisan.
EXO 39:22 Isaanis huccuu guutumaan guutuutti bifti isaa cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchan;
EXO 39:23 walakkaa gubbaa wandaboo sanaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchan; akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra waa naannessanii hodhan.
EXO 39:24 Isaanis xiyyoo wandaboo sanaatti kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen roomaanii hojjetan.
EXO 39:25 Warqee qulqulluu irraas bilbila hojjetanii roomaanota gidduudhaan naannoo xiyyoo wandabootti qabsiisan.
EXO 39:26 Bilbillii fi roomaaniin sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti tokko tokkoon wal keessa makamanii naannoo xiyyoo wandaboo tajaajilaaf uffatamu sanaatti qabsiifaman.
EXO 39:27 Aroonii fi ilmaan isaatiif immoo kittaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhoofsisanii hojjetan;
EXO 39:28 akkasumas quncee talbaa qalʼaa isaatiin marata mataa, quncee talbaatiin gonfoo, quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen immoo uffata wayyaa jalaa hojjetaniif.
EXO 39:29 Sabbannis quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan faayeffame akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
EXO 39:30 Isaanis warqee qulqulluu irraa faaya gonfoo qulqulluu tolchanii akkuma waan chaappaa irratti qirixamuutti: Kan Waaqayyoof Qulqulleeffame, jedhanii irratti barreessan.
EXO 39:31 Ergasiis faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf jedhanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaa itti hidhan.
EXO 39:32 Akkasiin hojiin dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hundi xumurame. Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda hojjetan.
EXO 39:33 Isaanis dunkaana qulqulluu sana Museetti fidan: dunkaanaa fi miʼa isaa hunda, hokkoowwan isaa, tuggeewwan isaa, dagaleewwan isaa, utuboota isaatii fi miillawwan isaa;
EXO 39:34 irra buusa kalʼee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, irra buusa gogaa duugameetii fi golgaa daʼeessu;
EXO 39:35 taabota kakuu seeraa, danqaraa isaatii fi teessoo araaraa wajjin;
EXO 39:36 minjaala miʼa isaa hundaa fi buddeena ilaalchaa wajjin;
EXO 39:37 baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetame, ibsaawwan tarree galanii fi miʼa isaa hunda wajjin, zayitii ibsaa;
EXO 39:38 iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame, zayitii ittiin diban, ixaana urgaaʼu, golgaa balbala dunkaanaa;
EXO 39:39 iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, caabii miilla isaa wajjin;
EXO 39:40 golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa, funyoowwanii fi qofoowwan oobdii, miʼa dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hunda;
EXO 39:41 wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman, jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan feʼa.
EXO 39:42 Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojii hunda hojjetan.
EXO 39:43 Museenis hojii sana toʼatee akkuma Waaqayyo ajajetti hojjechuu isaanii arge. Museenis isaan eebbise.
EXO 40:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
EXO 40:2 “Guyyaa jalqaba jiʼa jalqabaatti dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dhaabi.
EXO 40:3 Taabota kakuu seeraa isa keessa kaaʼiitii taaboticha golgaadhaan daʼeessi.
EXO 40:4 Minjaala ol galchiitii miʼa isaa tottolchi. Ergasiis baattuu ibsaa ol galchiitii ibsaa isaa irra dhaabi.
EXO 40:5 Iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetame fuula taabota kakuu seeraa dura dhaabiitii balbala dunkaana qulqulluutti immoo golgaa fannisi.
EXO 40:6 “Iddoo aarsaa qalma gubamuu sanas fuula balbala dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dura dhaabi;
EXO 40:7 gabatee itti dhiqatanis dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu dhaabiitii bishaan itti naqi.
EXO 40:8 Naannoo isaattis oobdii hojjedhuutii balbala isaatti golgaa kaaʼi.
EXO 40:9 “Zayitii ittiin diban fuudhiitii dunkaana qulqulluu fi waan isa keessa jiru hunda dibi; dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda qulqulleessi; innis ni qulqullaaʼa.
EXO 40:10 Ergasiis iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda dibi; iddoo aarsaa sana qulqulleessi; innis waan hunda caalaa qulqullaaʼaa taʼa.
EXO 40:11 Gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibiitii isaan qulqulleessi.
EXO 40:12 “Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.
EXO 40:13 Ergasii Aroonitti wayyaa qulqulluu uffisi; akka inni lubummaadhaan na tajaajiluufis dibiitii isa qulqulleessi.
EXO 40:14 Ilmaan isaas fidiitii kittaa itti uffisi.
EXO 40:15 Akka isaan lubummaadhaan na tajaajilaniifis akkuma abbaa isaanii dibde sanatti isaan dibi; dibamuun isaanii kunis dhaloota dhufu hunda keessatti lubummaa itti fufu taʼa.”
EXO 40:16 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti waan hunda hojjete.
EXO 40:17 Kanaafuu dunkaanni qulqulluun sun waggaa lamaffaa keessa guyyaa jalqabaa kan jiʼa jalqabaatti dhaabame.
EXO 40:18 Museen yeroo dunkaana qulqulluu sana dhaabetti miillawwan dunkaanichaa itti kaaʼe; tuggeewwan isaa dhadhaabe; dagaleewwan isaa loose; utuboota isaa dhadhaabe.
EXO 40:19 Innis akkuma Waaqayyo isa ajajetti dunkaana qulqulluu irraan dunkaana diriirsee dunkaana sanatti immoo irra buusa uffise.
EXO 40:20 Dhuga baʼumsa sana fuudhee taabota keessa kaaʼe; danqaraawwanis taabotatti hidhe; teessoo araaraa immoo taabota gubbaa kaaʼe.
EXO 40:21 Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti taabota sana dunkaana qulqulluutti ol galchee golgaa daʼeessu fanniseef; taabota kakuu seeraa sanas daʼeesse.
EXO 40:22 Museenis minjaala sana gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa golgaa sanaan ala kaaʼe.
EXO 40:23 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis fuula Waaqayyoo duratti buddeena achi irra kaaʼe.
EXO 40:24 Baattuu ibsaa immoo gama kibbaa dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa fuullee minjaalaatiin kaaʼe.
EXO 40:25 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis ibsaawwan sana fuula Waaqayyoo dura dhadhaabe.
EXO 40:26 Museenis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame sana fuula golgaa duraan dunkaana wal gaʼii keessa dhaabe.
EXO 40:27 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis ixaana urgaaʼaa isa irratti aarse.
EXO 40:28 Balbala dunkaana qulqulluu irrattis golgaa fannise.
EXO 40:29 Inni akkuma Waaqayyo isa ajajetti iddoo aarsaa qalma gubamuu sana balbala dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii bira dhaabee qalma gubamuu fi kennaa midhaanii isa irratti dhiʼeesse.
EXO 40:30 Gabatee sanas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼee bishaan dhiqataa itti naqe;
EXO 40:31 Museen, Aroonii fi ilmaan Arooniis harka isaaniitii fi miilla isaanii dhiqachuuf itti fayyadamu turan.
EXO 40:32 Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan yeroo iddoo aarsaatti dhiʼaatan hunda ni dhiqatu turan.
EXO 40:33 Museenis naannoo dunkaana qulqulluutii fi iddoo aarsaatti oobdii hojjetee balbala waltajjichaa irra golgaa dhaabe; akkasiin Museen hojii sana hojjetee fixe.
EXO 40:34 Ergasiis duumessi dunkaana wal gaʼii haguuge; ulfinni Waaqayyoos dunkaana qulqulluu sana guute.
EXO 40:35 Museenis sababii duumessi sun dunkaana wal gaʼii irra buʼee fi sababii ulfinni Waaqayyoo dunkaana qulqulluu guuteef dunkaana wal gaʼii seenuu hin dandeenye.
EXO 40:36 Israaʼeloonni karaa isaanii hunda keessatti yommuu duumessi dunkaana qulqulluu irraa kaʼu hunda kaʼanii deemsa isaanii itti fufu turan.
EXO 40:37 Yoo duumessi irraa kaʼuu baate garuu hamma gaafa duumessi sun irraa kaʼuutti hin deeman ture.
EXO 40:38 Kanaafuu karaa isaanii hunda keessatti fuula saba Israaʼel hundaa duratti guyyaa guyyaa duumessi Waaqayyoo dunkaana qulqulluu irra ture; halkan halkan immoo ibiddi duumessa sana keessa ture.
LEV 1:1 Waaqayyo Musee waamee dunkaana wal gaʼii keessaa akkana jedhee itti dubbate;
LEV 1:2 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin keessaa namni kam iyyuu yommuu horii keessaa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessutti karra loonii yookaan bushaayee keessaa haa dhiʼeessu.
LEV 1:3 “ ‘Yoo kennaan sun qalma gubamu kan karra loonii taʼe, namichi sun korma hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu. Akka aarsaan sun fuula Waaqayyoo duratti fudhatama argatuufis balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa dhiʼeessu.
LEV 1:4 Namichis mataa horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamu sanaa irra harka isaa haa kaaʼu; kunis araara isaaf buusuuf qooda isaa fudhatama argata.
LEV 1:5 Innis fuula Waaqayyoo duratti korma haa qalu; ilmaan Aroon luboonni dhiiga sana fuudhanii iddoo aarsaa kan balbala dunkaana wal gaʼii dura jirutti gama hundaan haa facaasan.
LEV 1:6 Innis aarsaa gubamu sana irraa gogaa baasee kutaa kutaatti murmura.
LEV 1:7 Ilmaan Aroon lubichaa immoo iddoo aarsaa irratti ibidda qabsiisanii qoraan irra haa naqan.
LEV 1:8 Ergasiis ilmaan Aroon luboonni kutaa murmurame, mataa fi cooma isaas qoraan iddoo aarsaa irratti bobaʼu irra tarree haa naqan.
LEV 1:9 Innis miʼa garaatii fi miilla qalma sanaa bishaaniin haa dhiqu; lubichis hunda isaa iddoo aarsaa irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
LEV 1:10 “ ‘Yoo aarsaan sun qalma gubamu kan bushaayee jechuunis hoolaa yookaan reʼee taʼe namichi dhiʼeessu sun korma hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu.
LEV 1:11 Innis gama kaaba iddoo aarsaatiin fuula Waaqayyoo duratti haa qalu; ilmaan Aroon luboonni immoo gama hundaan dhiiga isaa iddoo aarsaatti haa facaasan.
LEV 1:12 Namichi sunis kutaa kutaatti haa murmuru; lubichi immoo mataa fi cooma isaa qoraan iddoo aarsaa irratti bobaʼaa jiru irra tarree haa naqu.
LEV 1:13 Innis miʼa garaatii fi miilla qalma sanaa bishaaniin haa dhiqu; lubichi immoo hunda isaa fidee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
LEV 1:14 “ ‘Yoo aarsaan Waaqayyoof dhiʼaatu sun qalma gubamu kan simbirrootaa taʼe namichi sun gugee yookaan gugee sookkee haa dhiʼeessu.
LEV 1:15 Lubichi sun gara iddoo aarsaatti haa fidu; mataa isaas micciiree irraa haa kutu; ergasii immoo iddoo aarsaa irratti haa gubu; dhiigni isaa immoo iddoo aarsaa cinatti haa coccobu.
LEV 1:16 Miʼa garaa isaa baallee isaa wajjin baasee karaa baʼa biiftuutiin iddoo aarsaa cinatti lafa daaraan jirutti haa gatu.
LEV 1:17 Karaa qoochoo isaatiin haa baqaqsu; garuu guutumaan guutuutti gargar hin baasin; ergasii lubichi iddoo aarsaa irratti qoraan bobaʼaa jiru irratti haa gubu. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼaatuu fi kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
LEV 2:1 “ ‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii Waaqayyoof dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee,
LEV 2:2 ilmaan Aroon luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
LEV 2:3 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
LEV 2:4 “ ‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu.
LEV 2:5 Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu.
LEV 2:6 Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti.
LEV 2:7 Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu.
LEV 2:8 Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame Waaqayyoof fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni.
LEV 2:9 Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
LEV 2:10 Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
LEV 2:11 “ ‘Kennaan midhaanii kan isin Waaqayyoof dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii.
LEV 2:12 Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Waaqayyoof dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu.
LEV 2:13 Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Waaqa keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali.
LEV 2:14 “ ‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii Waaqayyoof fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi.
LEV 2:15 Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti.
LEV 2:16 Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa gubu.
LEV 3:1 “ ‘Kennaan nama tokkoo yoo aarsaa nagaa taʼe, namichi sunis karra loonii keessaa horii tokko, korma yookaan dhalaa yoo dhiʼeesse, inni horii hirʼina hin qabne fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
LEV 3:2 Namichi sun mataa kennaa isaa irra harka isaa haa kaaʼu; balbala dunkaana wal gaʼii durattis haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon luboonni sun dhiiga horii sana iddoo aarsaa sanatti gama hundaan haa facaasan.
LEV 3:3 Innis aarsaa nagaa irraa aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu haa fidu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
LEV 3:4 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼa.
LEV 3:5 Ergasiis ilmaan Aroon waan kana aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhanii iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu kan qoraan bobaʼu irra jiru irratti haa guban.
LEV 3:6 “ ‘Inni yoo bushaayee keessaa horii tokko akka aarsaa nagaatti Waaqayyoof dhiʼeesse, korma yookaan dhalaa hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu.
LEV 3:7 Inni yoo xobbaallaa hoolaa dhiʼeesse, fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
LEV 3:8 Namichi sunis mataa kennaa isaa irra harka isaa kaaʼee balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
LEV 3:9 Innis aarsaa nagaa sana irraa qalma ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu haa fidu; kunis cooma isaa, duboo isaa kan lafee dugdaatti dhiʼeeffamee kutame hunda, moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
LEV 3:10 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
LEV 3:11 Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; nyaanni kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
LEV 3:12 “ ‘Yoo kennaan isaa reʼee taʼe, inni fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
LEV 3:13 Namichi sun mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
LEV 3:14 Innis waan dhiʼeessu keessaa kennaa kana kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa dhiʼeessu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
LEV 3:15 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
LEV 3:16 Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan dhiʼeeffamuu dha. Coomni hundinuu kan Waaqayyoo ti.
LEV 3:17 “ ‘Isin cooma tokko illee yookaan dhiiga tokko illee hin sooratinaa; wanni kun lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf jiru keessatti seera hin geeddaramnee dha.’ ”
LEV 4:1 Waaqayyo akkana jedhee Museetti dubbate;
LEV 4:2 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu hin beekin waan Waaqayyo dhowwe cabsuudhaan cubbuu hojjete.
LEV 4:3 “ ‘Lubichi dibame yoo cubbuu hojjetee akkasiin sabatti cubbuu fide, inni cubbuu hojjete sanaaf dibicha hirʼina hin qabne tokko aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
LEV 4:4 Innis dibicha sana balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu. Mataa dibicha sanaa irras harka isaa kaaʼee fuula Waaqayyoo duratti haa qalu.
LEV 4:5 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee dunkaana wal gaʼiitti qabatee haa seenu.
LEV 4:6 Lubni sunis quba isaa dhiiga keessa cuphee dhiiga sana irraa golgaa iddoo qulqulluu duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
LEV 4:7 Ergasiis lubni sun dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa ixaana urgaaʼu kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu.
LEV 4:8 Innis dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana irraa cooma hunda haa baasu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
LEV 4:9 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan inni kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi;
LEV 4:10 waan kanas akkuma loon aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa moorri baafamu sanatti haa baasu. Lubnis iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuu irratti haa gubu.
LEV 4:11 Garuu gogaa dibicha sanaatii fi foon isaa hunda, mataa fi miilla isaa, miʼa garaatii fi cumaa isaa,
LEV 4:12 jechuunis waan dibicha sanaa kan hafe hunda qubata keessaa gad baasee gara iddoo seeraan qulqulluu taʼe kan daaraan itti gatamuutti haa geessu; daaraa tuulame irrattis ibidda qoraaniitiin haa gubu.
LEV 4:13 “ ‘Yoo waldaan Israaʼel hundi utuu hin beekin cubbamee waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete waldaan sun waaʼee waan sanaa beekuu baatu illee yakka qabeessa taʼa.
LEV 4:14 Yommuu cubbuun isaan hojjetan beekamutti waldaan sun dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dunkaana wal gaʼii duratti fidee haa dhiʼeessu.
LEV 4:15 Maanguddoonni waldaa fuula Waaqayyoo duratti mataa dibicha sanaa irra harka isaanii haa kaaʼan; dibichi sunis fuula Waaqayyoo duratti haa qalamu.
LEV 4:16 Lubni dibame sun dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee gara dunkaana wal gaʼiitti haa fidu.
LEV 4:17 Innis quba isaa dhiiga keessa cuuphee golgaa duratti yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
LEV 4:18 Lubni sunis dhiiga sana irraa gaanfawwan iddoo aarsaa kan dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sana irratti haa naqu. Dhiiga dibicha sanaa kan hafe hunda immoo balbala dunkaana wal gaʼii irratti miilla iddoo aarsaa gubamuu jalatti haa dhangalaasu.
LEV 4:19 Inni cooma hunda irraa baasee iddoo aarsaa irratti haa gubu;
LEV 4:20 dibicha kanas akkuma dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame sana godhe haa godhu; lubnis haaluma kanaan araara isaaniif buusa; isaanis dhiifama argatu.
LEV 4:21 Innis ergasii dibicha sana qubata keessaa gad baasee akkuma dibicha jalqabaa gube sana haa gubu; kunis aarsaa cubbuu waldaa ti.
LEV 4:22 “ ‘Bulchaan tokko yoo utuu hin beekin cubbuu hojjetee waan ajaja Waaqayyo Waaqa isaa keessatti dhowwame hojjete inni yakka qabeessa taʼa.
LEV 4:23 Inni yommuu cubbuu hojjete sana beeketti korma reʼee kan hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu.
LEV 4:24 Mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula Waaqayyoo duratti haa qalu; kunis aarsaa cubbuu ti.
LEV 4:25 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
LEV 4:26 Innis akkuma cooma aarsaa nagaatiif dhiʼeeffame gube sana moora hunda iddoo aarsaa irratti haa gubu; lubichi haala kanaan namichaaf araara cubbuu buusa; innis dhiifama argata.
LEV 4:27 “ ‘Saba keessaa namni tokko yoo utuu hin beekin waan ajaja Waaqayyoo keessatti dhowwame keessaa tokko illee cabsuudhaan cubbuu hojjete inni yakka qabeessa taʼa.
LEV 4:28 Inni yommuu akka cubbuu hojjete beeketti cubbuu hojjete sanaaf reʼee dhaltuu hirʼina hin qabne tokko aarsaa ofii isaatiif haa fidu.
LEV 4:29 Mataa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamte sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaa gubamuutti haa qalu.
LEV 4:30 Lubni sunis ergasii dhiiga sana irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu irratti dhiʼeeffamutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
LEV 4:31 Akkuma moorri itti aarsaa nagaa irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu. Akkasiinis lubni araara buusaaf; innis dhiifama argata.
LEV 4:32 “ ‘Inni yoo hoolaa tokko aarsaa cubbuu ofii isaatiif fide, dhaltuu hirʼina hin qabne haa fidu.
LEV 4:33 Mataa hoolaa sanaa irras harka isaa kaaʼee iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti aarsaa cubbuutiif haa qalu.
LEV 4:34 Lubni sunis ergasii dhiiga aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffame irraa quba isaatiin fuudhee gaanfa iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutti haa naqu; dhiiga hafe hunda immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaasu.
LEV 4:35 Akkuma moorri itti hoolaa aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamu irraa baafamutti inni moora hunda haa baasu; lubni immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu. Lubnis akkasiin cubbuu namichi hojjeteef araara buusaaf; innis dhiifama argata.
LEV 5:1 “ ‘Namni tokko yoo waan nama kakachiisu dhagaʼee waaʼee waan arge yookaan beeku sanaa dhugaa baʼuu diduudhaan cubbuu hojjete inni itti gaafatama.
LEV 5:2 “ ‘Yookaan namni tokko yoo waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe jechuunis raqa bineensa xuraaʼaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan uumamawwan xuraaʼoo kanneen lafa irra munyuuqanii utuu hin beekin tuqe inni xuraaʼeera; yakka qabeessas taʼa.
LEV 5:3 Yookaan inni yoo xuraaʼummaa namaa jechuunis waan isa xureessu kam iyyuu utuu hin beekin tuqe, yommuu waan sana beeketti yakka qabeessa taʼa.
LEV 5:4 Yookaan namni yoo utuu itti hin yaadin waan gaarii yookaan hamaa gochuuf kakate, waaʼee waan utuu itti hin yaadin kakate sanaa beekuu baatu illee maalumaafuu yommuu waan sana beeketti inni yakka qabeessa taʼa.
LEV 5:5 Inni yoo karaa kanneen keessaa tokkoon iyyuu yakka qabeessa taʼe karaa kamiin akka hojjete haa himatu;
LEV 5:6 adaba cubbuu hojjete sanaatiifis akka aarsaa cubbuu isaaf taatuuf bushaayee keessaa hoolaa yookaan reʼee dhaltuu Waaqayyoof haa fidu; lubnis cubbuu namichaatiif aarsaa araaraa haa dhiʼeessu.
LEV 5:7 “ ‘Namichi sun cubbuu hojjeteef hoolaa dhiʼeessuutti harka qalleessa yoo taʼe adabbii cubbuu isaatiif gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif tokko immoo aarsaa gubamuuf Waaqayyoof haa fidu.
LEV 5:8 Lubattis isaan haa fidu; lubni immoo kan aarsaa cubbuutiif taatu duraan dursee haa dhiʼeessu. Innis mataa ishee micciiree morma ishee haa cabsu; garuu irraa hin kutin.
LEV 5:9 Dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa fuudhee cinaacha iddoo aarsaatti haa facaasu; dhiigni hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaafamu; kun aarsaa cubbuu ti.
LEV 5:10 Ergasiis lubichi akkuma ajajametti kan lammaffaa sana aarsaa gubamu godhee cubbuu namichi hojjeteef aarsaa araaraa haa dhiʼeessu; innis dhiifama argata.
LEV 5:11 “ ‘Namichi sun yoo gugee lama yookaan gugee sosookkee lama dhiʼeessuutti harka qalleessa taʼe inni cubbuu hojjete sanaaf daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo keessaa harka kurnaffaa aarsaa cubbuutiif haa dhiʼeessu. Sababii wanni kun aarsaa cubbuu taʼeef namichi zayitii yookaan ixaana itti hin dabalin.
LEV 5:12 Innis lubatti haa fidu; lubichi immoo konyee tokko irraa fuudhee akka kutaa yaadannoo tokkootti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa cubbuu ti.
LEV 5:13 Lubichis haala kanaan cubbuu namichi hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata. Aarsaan hafe immoo akkuma aarsaa midhaaniitti kan lubichaa taʼa.’ ”
LEV 5:14 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 5:15 “Namni yoo seera cabsee utuu hin beekin waan Waaqayyoof qulqulleeffame kam iyyutti cubbuu hojjete inni adabbii cubbuu isaatiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa kan hirʼina hin qabne kan gatiin isaa akka saqilii iddoo qulqulluutti meetiidhaan tilmaamame tokko aarsaa yakkaa godhee Waaqayyoof haa fidu; kun aarsaa yakkaa ti.
LEV 5:16 Namichi sunis waan wantoota qulqulluu irraa hirʼise sana iddoo haa buusu; gatii waan sanaa illee harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa lubatti haa kennu; lubni sunis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhiʼeeffame sanaan araara buusaaf; innis dhiifama argata.
LEV 5:17 “Namni yoo cubbuu hojjetee waan ajajawwan Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete, inni yoo beekuu baate illee yakka qabeessa taʼeera; itti gaafatamas.
LEV 5:18 Innis akka tilmaama keetiitti bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne tokko aarsaa yakkaa godhee lubatti haa fidu. Lubichis haaluma kanaan yakka namichi utuu hin beekin hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata.
LEV 5:19 Kun aarsaa yakkaa ti; namichi sun Waaqayyotti yakka hojjeteera.”
LEV 6:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 6:2 “Namni yoo waaʼee waan imaanaa isatti kennamee yookaan waan isa bira kaaʼamee yookaan waan hatame tokkoo ollaa isaa gowwoomsuudhaan yookaan saamuudhaan cubbuu hojjetee Waaqayyoof amanamuu baate,
LEV 6:3 yookaan yoo qabeenya bade argee waaʼee isaa soba dubbate yookaan yoo sobaan kakate yookaan yoo cubbuu akkasii kan namoonni hojjetan kam iyyuu hojjete,
LEV 6:4 yoo akkasiin cubbuu hojjetee yakka qabeessa taʼe inni waan hate yookaan waan humnaan saame yookaan waan imaanaa isatti kenname yookaan waan bade kan lafaa arge sana
LEV 6:5 yookaan waan sobaan itti kakate hunda haa deebisu. Inni waan sana guutummaatti iddoo haa buusu; gatii waan sanaas harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa guyyuma aarsaa yakka ofii isaa dhiʼeeffatutti abbaa qabeenya sanaatiif haa kennu.
LEV 6:6 Ergasiis inni bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne kan gatiin isaa gatii adabbii yakka tokkootti tilmaamamu aarsaa yakka ofii isaa kan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee lubatti haa fidu.
LEV 6:7 Lubichi haaluma kanaan fuula Waaqayyoo duratti araara isaaf buusa; innis wantoota kanneen keessaa waan hojjete kan yakka qabeessa isa godhe kamiif iyyuu dhiifama argata.”
LEV 6:8 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 6:9 “Aroonii fi ilmaan isaatiif ajaja kana kenni: ‘Seerri aarsaa gubamuu kanaa dha; aarsaan gubamu hamma lafti bariitutti halkan guutuu ibidda iddoo aarsaa irra jiru gubbaa haa turu; ibiddis ittuma fufee iddoo aarsaa irratti haa bobaʼu.
LEV 6:10 Lubni sunis uffata isaa kan quncee talbaa irraa hojjetamee fi uffata wayyaa jalaan dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa uffatu; ergasiis daaraa aarsaa gubamuu kan ibiddi iddoo aarsaa irratti gubee fixe sana haree iddoo aarsaa cina haa kaaʼu.
LEV 6:11 Ergasiis uffata sana of irraa baasee kan biraa haa uffatu; daaraa sanas baatee qubata keessaa gad baasee lafa akka seeraatti qulqulluu taʼetti haa geessu.
LEV 6:12 Ibiddi iddoo aarsaa irra jiru yeroo hunda bobaʼuu qaba; yoom iyyuus hin dhaamin. Lubichi ganama ganama ibidda sanatti qoraan haa naqu; aarsaa gubamu ibidda irratti haa qopheessu; kana irrattis cooma aarsaa nagaa haa gubu.
LEV 6:13 Iddoo aarsaa irratti ibiddi yeroo hunda haa bobaʼu; gonkumaas hin dhaamin.
LEV 6:14 “ ‘Seerri kennaa midhaanii kanaa dha: Ilmaan Aroon waan kana fuullee iddoo aarsaatti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessan.
LEV 6:15 Lubnis daakuu bullaaʼaa konyee tokkoo fi zayitii, ixaana kennaa midhaanii irra jiru hunda wajjin fuudhee urgaa Waaqayyotti tolu godhee akka kutaa yaadannootti iddoo aarsaa irratti haa gubu.
LEV 6:16 Aroonii fi ilmaan isaa immoo waan irraa hafe haa nyaatan; kun maxinoo iddoo qulqulluutti nyaatamuu qabuu dha; isaanis oobdii dunkaana wal gaʼii keessatti haa nyaatan.
LEV 6:17 Wanni kun raacitiidhaan tolfamuu hin qabu; ani kennaa ibiddaan naa dhiʼeeffamu keessaa akka qooda isaaniitti waan kana isaaniif kenneera. Kunis akkuma aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaatti waan hunda caalaa qulqulluu dha.
LEV 6:18 Sanyiin Aroon kan dhiira taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu dandaʼa. Kunis qooda kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu keessaa dhaloota keessan kan dhufutti bara baraan Arooniif kennamee dha; namni isa tuqu hundinuus ni qulqullaaʼa.’ ”
LEV 6:19 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 6:20 “Kennaan Aroonii fi ilmaan isaa guyyaa inni dibamutti Waaqayyoof dhiʼeessuu qaban kanaa dha: Daakuu bullaaʼaa iifii kudhan keessaa tokkoo jechuunis walakkaa isaa ganama, walakkaa immoo galgala yeroo hunda kennaa midhaanii godhanii haa dhiʼeessan.
LEV 6:21 Kunis zayitiidhaan eelee irratti haa tolfamu; akka gaariitti walitti makiitii kennaa midhaan sanaa caccabsii urgaa Waaqayyotti tolu godhii dhiʼeessi.
LEV 6:22 Ilmi isaa kan luba taʼee dibamee iddoo isaa buʼu waan kana haa qopheessu; kennaan kun sababii qooda Waaqayyoo kan bara baraa taʼeef guutummaatti haa gubamu.
LEV 6:23 Kennaan midhaanii kan lubichi dhiʼeessu hundi guutummaatti haa gubamu; aarsaan sun nyaatamuu hin qabuutii.”
LEV 6:24 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 6:25 “Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhi: ‘Seerri aarsaan cubbuu ittiin dhiʼeeffamu kanaa dha: Aarsaan cubbuu iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti fuula Waaqayyoo duratti haa qalamu; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
LEV 6:26 Lubni isa dhiʼeessu aarsaa kana haa nyaatu; kunis oobdii dunkaana wal gaʼii keessatti iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba.
LEV 6:27 Namni foon sana tuqu kam iyyuu ni qulqullaaʼa; yoo dhiigni isaa tokko iyyuu uffatatti facaʼe uffata sana iddoo qulqulluutti miicuu qabda.
LEV 6:28 Okkoteen suphee kan foon sun itti affeelame haa cabsamu; yoo okkotee naasiitti affeelame garuu haqamee bishaaniin haa dhiqamu.
LEV 6:29 Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu ni dandaʼa; kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
LEV 6:30 Garuu aarsaan cubbuu kan araara buusuudhaaf dhiigni isaa gara dunkaana wal gaʼii Iddoo Qulqulluutti fidamu kam iyyuu nyaatamuu hin qabu; inni gubamuu qaba.
LEV 7:1 “ ‘Seerri aarsaa yakkaa kan waan hunda caalaa qulqulluu taʼe sanaa kana:
LEV 7:2 Aarsaan yakkaa iddoo aarsaan gubamu itti qalamutti haa qalamu; dhiigni isaa immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaafamuu qaba.
LEV 7:3 Moorri isaa hundinuus aarsaa taʼee dhiʼeeffamuu qaba; kunis duboo fi moora miʼa garaa haguugu,
LEV 7:4 kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggiin tiruu kan kaleewwan wajjin baʼu wal faana haa dhiʼaatu.
LEV 7:5 Lubichis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa yakkaa ti.
LEV 7:6 Dhiirri gosa lubootaa taʼe kam iyyuu foon kana nyaachuu dandaʼa; kun garuu iddoo qulqulluutti nyaatamuu qaba; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
LEV 7:7 “ ‘Seerri aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa ittiin dhiʼeeffamu tokkuma; aarsaawwan kunneenis kan luba ittiin araara buusuu taʼu.
LEV 7:8 Lubni namaaf jedhee aarsaa gubamu dhiʼeessu tokko gogaa aarsaa gubamu sanaa ofii isaatiif haa fudhatu.
LEV 7:9 Kennaan midhaanii kan barbadaa ibiddaa irratti yookaan eelee irratti yookaan beddee irratti bilchaate kam iyyuu luba isa dhiʼeessuuf haa kennamu;
LEV 7:10 kennaan midhaanii kam iyyuu jechuunis kan zayitiin itti makame yookaan goggogaan ilmaan Aroon hundaaf wal qixxee haa kennamu.
LEV 7:11 “ ‘Seerri aarsaa nagaa kan namni tokko ittiin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabu kana.
LEV 7:12 “ ‘Inni yoo galata galchuuf aarsaa dhiʼeeffate, aarsaa galataa kana wajjin maxinoo zayitiin itti makame, bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibamee fi maxinoo daakuu bullaaʼaa kan akka gaarii sukkuumamee zayitiin itti makame haa dhiʼeessu.
LEV 7:13 Aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffatu wajjinis kennaa maxinoo raacitii qabu haa dhiʼeessu.
LEV 7:14 Aarsaa hunda keessaa tokko tokko fuudhee akka kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti haa fidu; kunis luba dhiiga aarsaa nagaa facaasu sanaaf haa kennamu.
LEV 7:15 Foon aarsaa nagaa kan galataaf dhiʼeeffamu gaafuma dhiʼaate sana nyaatamee dhumuu qaba; wanni tokko iyyuu isa irraa hafee buluu hin qabu.
LEV 7:16 “ ‘Yoo aarsaan isaa wareega guuttachuuf yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu taʼe, aarsaan sun guyyuma inni dhiʼeesse nyaatamuu qaba; kan hafe garuu guyyaa itti aanu nyaatamuu dandaʼa.
LEV 7:17 Foon aarsaa sana irraa hamma guyyaa sadaffaatti hafe gubamuu qaba.
LEV 7:18 Foon aarsaa nagaa sana irraa yoo wanni tokko iyyuu guyyaa sadaffaatti nyaatame aarsaan sun hin fudhatamu. Kun sababii xuraaʼaa taʼeef nama dhiʼeesse sanaaf fudhatama hin qabaatu. Namni foon sana irraa nyaatu itti gaafatama.
LEV 7:19 “ ‘Foon waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu tuqe hin nyaatamin; foon sun gubamuu qaba. Foon kaan garuu namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu dandaʼa.
LEV 7:20 Garuu namni xuraaʼaan yoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼeeffame nyaate, inni saba ofii keessaa haa balleeffamu.
LEV 7:21 Namni yoo waan xuraaʼaa jechuunis xuraaʼummaa namaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu, waan jibbisiisaa tuqee ergasii immoo foon aarsaa nagaa kan Waaqayyoof dhiʼaate keessaa nyaate namni sun saba ofii keessaa haa balleeffamu.’ ”
LEV 7:22 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 7:23 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Moora loonii yookaan kan hoolaa yookaan kan reʼee kamii iyyuu hin nyaatinaa.
LEV 7:24 Coomni horii duʼee argamee yookaan bineensi ajjeesee waan biraaf haa oolu; isin garuu isa nyaachuu hin qabdan.
LEV 7:25 Namni horii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame irraa cooma isaa nyaate kam iyyuu saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.
LEV 7:26 Isin lafa jiraattan hundatti dhiiga simbirroo yookaan horii gosa kamii iyyuu hin nyaatinaa.
LEV 7:27 Namni kam iyyuu yoo dhiiga nyaate saba ofii isaa keessaa haa balleeffamu.’ ”
LEV 7:28 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 7:29 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessu kanuma irraa fuudhee aarsaa ofii isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
LEV 7:30 Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamus harkuma isaatiin haa fidu; cooma sana handaraafa wajjin haa fidu; handaraafas aarsaa sochoofame godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
LEV 7:31 Lubichi cooma sana iddoo aarsaa irratti haa gubu. Handaraafni isaa garuu Aroonii fi ilmaan isaatiif haa kennamu.
LEV 7:32 Tafa mirgaa kan aarsaa nagaa keessanii kennaa godhaatii lubaaf kennaa.
LEV 7:33 Ilmi Aroon kan dhiigaa fi cooma aarsaa nagaa dhiʼeessu sun tafa mirgaa qooda ofii isaa godhee haa fudhatu.
LEV 7:34 Ani aarsaa nagaa kan Israaʼelootaa irraa handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼaate sana fudhadheera; kanas akka qooda isaan bara baraan Israaʼeloota irraa argataniitti Aroon lubichaa fi ilmaan isaatii kenneera.’ ”
LEV 7:35 Gaafa isaan lubummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluuf dhiʼaatanitti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaate irraa qoodni Aroonii fi ilmaan isaatiif ramadame kana.
LEV 7:36 Guyyaa isaan dibamanitti, akka Israaʼeloonni qooda isaanii godhanii bara baraan dhaloota dhufutti waan kana isaanii kennan Waaqayyo ajajeera.
LEV 7:37 Egaa seerri dhiʼeessuu aarsaa gubamuu, kennaa midhaanii, aarsaa cubbuu, aarsaa yakkaa, seerri dibamuu lubummaatii fi aarsaa nagaa kanaa dha;
LEV 7:38 kunis ajaja Waaqayyo gaafa akka Israaʼeloonni Gammoojjii Siinaatti kennaa isaanii Waaqayyoof dhiʼeessan Gaara Siinaa irratti Museedhaaf kennee dha.
LEV 8:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 8:2 “Aroonii fi ilmaan isaa, uffata isaanii, zayitii ittiin diban, dibicha aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamu, korbeeyyii hoolaa lamaa fi gundoo maxinoo baatu fidi;
LEV 8:3 waldaa hundas balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabi.”
LEV 8:4 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe; waldaan hundis balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabame.
LEV 8:5 Museenis waldaa sanaan, “Wanni Waaqayyo akka hojjetamu ajaje kana” jedhe.
LEV 8:6 Ergasiis Museen Aroonii fi ilmaan isaa gara fuula duraatti fidee bishaaniin isaan dhiqe.
LEV 8:7 Innis Aroonitti kittaa uffisee sabbataan hidheef; wandaboos itti uffisee isa irratti dirata dabaleef; dirata sanas sabbata ogummaadhaan hojjetameen hidheef.
LEV 8:8 Kiisii qomaa itti kaaʼee kiisii sana keessa immoo Uriimii fi Tumiimii kaaʼe.
LEV 8:9 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti mataa Aroonitti marata mare; marata sana irrattis karaa fuula duraatiin faaya warqee kan gonfoo qulqulluu tolche.
LEV 8:10 Ergasii Museen zayitii ittiin diban fuudhee dunkaana qulqulluu fi waan achi keessa jiru hunda dibee qulqulleesse.
LEV 8:11 Zayitii sana irraas fuudhee iddoo aarsaa irratti yeroo torba facaase; akka isaan qulqulleessuufis iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda akkasumas gabatee itti dhiqatan miilla isaa wajjin zayitii dibe.
LEV 8:12 Zayitii ittiin diban irraas fuudhee mataa Aroon irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe.
LEV 8:13 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti ilmaan Aroon gara fuula duraatti baasee kittaa itti uffise; sabbata hidheefii gonfoo mataa isaaniitti kaaʼe.
LEV 8:14 Ergasii immoo aarsaa cubbuutiif dibicha dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa dibicha sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
LEV 8:15 Museenis dibicha sana qalee dhiiga fuudhee iddoo aarsaa qulqulleessuuf quba isaatiin gaanfa iddoo aarsaa hunda dibe; dhiiga hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti gad naqe. Araara isaaf buusuufis iddoo aarsaa sana qulqulleesse.
LEV 8:16 Akkasumas moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti gube.
LEV 8:17 Dibicha sana, gogaa isaa, foon isaatii fi cumaa isaa garuu akkuma Waaqayyo isa ajajetti qubata keessaa gad baasee gube.
LEV 8:18 Ergasii immoo aarsaa gubamuuf korbeessa hoolaa dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaas mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
LEV 8:19 Museen immoo korbeessa hoolaa sana qalee dhiiga isaa iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.
LEV 8:20 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutee mataa, buʼaa fi cooma isaa gube.
LEV 8:21 Innis miʼa garaatii fi luka bishaaniin dhiqee korbeessa hoolaa sana guutuu iddoo aarsaa irratti gube. Kunis aarsaa gubamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha.
LEV 8:22 Innis ergasii korbeessa hoolaa kaan jechuunis hoolaa ittiin muudan sana dhiʼeesse; Aroonii fi ilmaan isaa immoo mataa hoolaa sanaa irra harka isaanii kaaʼan.
LEV 8:23 Museenis hoolaa sana qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra Aroon mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa dibe.
LEV 8:24 Ilmaan Aroonis gara fuula duraatti baasee dhiiga fuudhee fiixee gurra isaanii mirgaa, quba abbuudduu harka isaanii mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaanii mirgaa ittiin tuqe. Ergasiis dhiiga sana iddoo aarsaatti gama hundaan facaase.
LEV 8:25 Innis cooma, duboo, moora naannoo miʼa garaa jiru, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanii, tafa mirgaa fuudhe.
LEV 8:26 Ergasiis gundoo maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura ture sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhe; waan kanas cooma sanaa fi tafa mirgaa irra kaaʼe.
LEV 8:27 Innis wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose.
LEV 8:28 Museenis wantoota kanneen harka isaaniitii fuudhee aarsaa ittiin luba taʼan kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, foolii namatti tolu, aarsaa nyaataa godhee iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu gubbaatti gube.
LEV 8:29 Museenis handaraafa fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose; kunis akkuma Waaqayyo isa ajajetti qooda Museen korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan irraa argatuu dha.
LEV 8:30 Ergasiis Museen zayitii ittiin dibanii fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa fuudhee Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaattii fi uffata isaaniitti facaase; akkasiinis Aroonii fi uffata isaa, ilmaan isaatii fi uffata isaanii qulqulleesse.
LEV 8:31 Museenis Aroonii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe; “Foon sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti affeellaa; akkuma ani ‘Aroonii fi ilmaan isaa haa nyaatan’ jedhee ajajetti foon sana buddeena gundoo aarsaan ittiin luboota taʼan keessa kaaʼamu sana keessa jiru wajjin achumatti nyaadhaa.
LEV 8:32 Foonii fi buddeena hafu immoo ibiddaan gubaa.
LEV 8:33 Sababii luba taʼuun keessan bultii torba fudhatuuf hamma yeroon luba taʼuu keessanii raawwatutti bultii torba balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa.
LEV 8:34 Waan harʼa hojjetame kana Waaqayyotu araara isinii buusuuf akka hojjetamu ajaje.
LEV 8:35 Isin akka hin duuneef bultii torba halkanii fi guyyaa balbala dunkaana wal gaʼii dura turaatii waan Waaqayyo isin irraa barbaadu hojjedhaa; wanni ani ajajame kanaatii.”
LEV 8:36 Aroonii fi ilmaan isaa waan Waaqayyo karaa Museetiin ajaje hunda hojjetan.
LEV 9:1 Museen bultii saddeettaffaatti Aroon, ilmaan Aroonii fi maanguddoota Israaʼel waame;
LEV 9:2 Arooniinis akkana jedhe; “Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko kanneen hirʼina hin qabne fuudhii fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessi.
LEV 9:3 Ergasiis Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko, aarsaa gubamuuf immoo dibicha tokkoo fi korbeessa hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne,
LEV 9:4 aarsaa nagaatiif immoo sangaa tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko, kennaa midhaanii kan zayitiidhaan sukkuumame wajjin fuula Waaqayyoo duratti aarsaa gochuuf dhiʼeessi. Harʼa Waaqayyo isinitti mulʼataatii.’ ”
LEV 9:5 Isaanis waan Museen isaan ajaje sana fuula dunkaana wal gaʼii duratti fidan; waldaan hundinuus dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabate.
LEV 9:6 Museenis, “Akka ulfinni Waaqayyoo isinitti mulʼatuuf wanni Waaqayyo akka isin gootan isin ajaje kana” jedhe.
LEV 9:7 Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Gara iddoo aarsaa kottuutii aarsaa cubbuu keetiitii fi aarsaa kee kan gubamu dhiʼeeffadhuutii ofii keetii fi sabaaf araara buusi; akkuma Waaqayyo ajajettis aarsaa sabaa dhiʼeessiitii araara isaaniif buusi.”
LEV 9:8 Aroon gara iddoo aarsaa dhufee dibicha aarsaa kan sababii cubbuu isaatiif dhiʼaate sana qale.
LEV 9:9 Ilmaan isaas dhiiga isatti fidan; inni immoo dhiiga sana keessa quba isaa cuuphee gaanfawwan iddoo aarsaa dibe; dhiiga hafe immoo miiloo iddoo aarsaa jalatti dhangalaase.
LEV 9:10 Innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti aarsaa cubbuu sana irraa moora, kaleewwanii fi haguuggii tiruu iddoo aarsaa irratti gube;
LEV 9:11 foonii fi gogaa isaa immoo qubata keessaa baasee gube.
LEV 9:12 Inni ergasii aarsaa gubamu qale. Ilmaan isaas dhiiga fidanii itti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase.
LEV 9:13 Isaanis aarsaa gubamu buʼaa buʼaadhaan, mataa wajjin isatti kennan; innis iddoo aarsaa irratti gube.
LEV 9:14 Miʼa garaatii fi luka qalma sanaas dhiqee iddoo aarsaa irratti, aarsaa gubamu gubbaatti gube.
LEV 9:15 Itti aansees Aroon aarsaa sabaa dhiʼeesse; reʼee aarsaa cubbuu sabaatiif dhiʼeeffamu sana fuudhee qale; akkuma duraan hojjetettis aarsaa cubbuu godhee dhiʼeesse.
LEV 9:16 Innis aarsaa gubamu fidee akkuma ajajametti dhiʼeesse.
LEV 9:17 Kennaa midhaaniis fidee konyee tokko irraa fuudhee aarsaa ganama ganama gubamu irratti dabalee iddoo aarsaa irratti gube.
LEV 9:18 Aroonis sangaa fi korbeessa hoolaa sana aarsaa nagaa kan sabaaf jedhamee dhiʼeeffamu godhee qale. Ilmaan isaa immoo dhiiga fidanii isatti kennan; innis dhiiga sana iddoo aarsaa irratti gama hundaan facaase.
LEV 9:19 Cooma sangaatii fi korbeessa hoolaa sanaa jechuunis duboo, moora miʼa garaa haguugu, kaleewwanii fi haguuggii tiruu,
LEV 9:20 handaraafota irra kaaʼan; Aroonis cooma sana iddoo aarsaa irratti gube.
LEV 9:21 Aroonis akkuma Museen isa ajajetti handaraafotaa fi tafa mirgaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti sochoose.
LEV 9:22 Aroon harka isaa sabatti balʼisee isaan eebbise. Erga aarsaa cubbuu, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddees gad buʼe.
LEV 9:23 Musee fi Aroonis dunkaana wal gaʼii seenan; yommuu achii baʼanittis saba eebbisan; ulfinni Waaqayyoos saba hundatti mulʼate.
LEV 9:24 Ibiddis Waaqayyo biraa baʼee aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra ture sana fixe; sabni hundis waan kana argee ililche; adda isaatiinis gombifamee sagade.
LEV 10:1 Ilmaan Aroon jechuunis Naadaabii fi Abiihuu girgiraa isaanii fudhatanii ibidda itti naqanii ixaana irratti firfirsan; isaanis ibidda hin eeyyamamne kan Inni hin ajajin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan.
LEV 10:2 Kanaafuu ibiddi Waaqayyo biraa baʼee gubee isaan fixe; isaanis fuula Waaqayyoo duratti dhuman.
LEV 10:3 Museenis Arooniin akkana jedhe; “Wanni Waaqayyo dubbate kanaa dha: “ ‘Ani warra natti dhiʼaatan gidduutti, qulqullina koo nan argisiisa; saba hunda durattis ani nan ulfaadha.’ ” Aroon immoo ni calʼise.
LEV 10:4 Museenis Miishaaʼeelii fi Elzaafaan ilmaan Uziiʼeel obboleessa abbaa Aroon sanaa ofitti waamee, “Kottaatii durbiiwwan keessan fuula iddoo qulqulluu duraa fuudhaatii qubata keessaa gad baasaa” jedhe.
LEV 10:5 Jarris dhufanii akkuma Museen ajajetti akkuma isaan kittaa isaanii uffatanii jiranitti fuudhanii qubata keessaa gad isaan baasan.
LEV 10:6 Ergasii Museen Aroonii fi ilmaan Aroon, Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Mataa keessan filachuu hin dhiisinaa; wayyaa keessanis hin tarsaasinaa; yoo kanaa achii isin ni duutu; Waaqayyos saba guutuutti dheekkama. Garuu firoonni keessan manni Israaʼel hundi warra Waaqayyo ibiddaan balleesse sanaaf booʼuu dandaʼu.
LEV 10:7 Sababii zayitiin Waaqayyoo kan ittiin diban isin irra jiruuf isin balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa; yoo kanaa achii ni duutu.” Isaanis akkuma Museen isaan ajaje godhan.
LEV 10:8 Waaqayyos Arooniin akkana jedhe;
LEV 10:9 “Atii fi ilmaan kee yommuu dunkaana wal gaʼii ol seentanitti daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhuginaa. Yoo kanaa achii ni duutu. Wanni kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.
LEV 10:10 Isin waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin, waan xuraaʼaa fi waan xuraaʼaa hin taʼin addaan baaftanii beekuu qabdu;
LEV 10:11 seera Waaqayyo karaa Museetiin isaanii kenne hundas saba Israaʼel barsiisuu qabdu.”
LEV 10:12 Museenis Aroonii fi ilmaan Aroon warra hafan jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Kennaa midhaanii kan aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman sana irraa hafe fuudhaatii utuu inni hin bukaaʼin tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluudhaatii.
LEV 10:13 Wanni kun aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman keessaa sababii qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼeef lafa qulqulluutti nyaadhaa; ani akkana ajajameeraatii.
LEV 10:14 Garuu ati, ilmaan keetii fi intallan kee handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana nyaachuu dandeessu. Waan kanas iddoo seeraan qulqulluu taʼetti nyaadhaa. Wanni kun qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼee aarsaa nagaa kan saba Israaʼel irraa isiniif kennamee dhaatii.
LEV 10:15 Tafni dhiʼeeffamee fi handaraafni sochoofame sun akka aarsaa sochoofamu tokkootti akka fuula Waaqayyoo duratti sochoofamuuf cooma aarsaa ibiddaan dhiʼeeffame wajjin fidamuu qaba; kunis akkuma Waaqayyo ajajetti qooda keetii fi qooda ilmaan keetii kan bara baraa ti.”
LEV 10:16 Museenis reʼee aarsaa cubbuu sana jabeessee barbaade; kunoo reʼeen sun gubamee ture; innis ilmaan Aroon warra hafanitti jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaaritti aaree akkana jedhee isaan gaafate;
LEV 10:17 “Isin maaliif aarsaa cubbuu sana iddoo qulqulluutti hin nyaatin? Aarsaan sun waan hunda caalaa qulqulluu dha; innis akka isin fuula Waaqayyoo duratti araara isaaniif buusuudhaan yakka sabaa balleessitaniif isiniif kenname.
LEV 10:18 Kunoo, dhiigni isaa Iddoo Qulqulluutti ol hin galfamne; isin akkuma ani ajajetti reʼee sana naannoo Iddoo Qulqulluutti nyaachuu qabdu ture.”
LEV 10:19 Aroonis Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, isaan harʼa aarsaa isaanii kan cubbuutii fi aarsaa isaanii kan gubamu fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessaniiru; garuu wanni akkasii kun na qaqqabeera. Utuu ani aarsaa cubbuu sana harʼa nyaadhee jiraadhee silaa wanni sun fuula Waaqayyoo duratti ni fudhatama turee?”
LEV 10:20 Museenis yommuu waan kana dhagaʼetti ni gammade.
LEV 11:1 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
LEV 11:2 “Israaʼelootaan akkana jedhaa: ‘Bineensota lafa irra jiraatan hunda keessaa kanneen isin nyaachuu dandeessan isaan kanaa dha:
LEV 11:3 Bineensa kotteen isaa guutumaan guutuutti baqaqaa taʼe kan alala guuru kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
LEV 11:4 “ ‘Kanneen alala qofa guuran yookaan kotteen isaanii qofti baqaqaa taʼe garuu nyaachuu hin qabdan. Gaalli yoo alala guure iyyuu kottee baqaqaa hin qabu; inni isiniif qulqulluu miti.
LEV 11:5 Osoleen yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti.
LEV 11:6 Illeettiin yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti.
LEV 11:7 Booyyeen yoo kottee baqaqaa qabaate iyyuu alala hin guuru; inni isiniif qulqulluu miti.
LEV 11:8 Isin foon isaanii nyaachuu yookaan raqa isaanii tuquu hin qabdan; isaan isiniif qulqulluu miti.
LEV 11:9 “ ‘Uumamawwan bishaan galaanotaa fi bishaan lageenii keessa jiraatan hunda keessaa kanneen qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
LEV 11:10 Garuu uumamawwan galaanotaa fi lageen keessa jiraatan kanneen qoochoo fi qola hin qabne hundi, uumamawwan bishaan keessa munyuuqan hundi yookaan kanneen bishaan keessa jiraatan hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
LEV 11:11 Isaan isin duratti xuraaʼoo waan taʼaniif foon isaanii hin nyaatinaa; raqni isaaniis xuraaʼaa haa taʼu.
LEV 11:12 Wanni bishaan keessa jiraatu kan qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu isiniif xuraaʼaa haa taʼu.
LEV 11:13 “ ‘Isaan kunneen simbirroota isin jibbuu qabdanii dha; hin nyaataman; isaan xuraaʼoo dha: risaa, rumicha, rumicha gurraacha,
LEV 11:14 culullee, culullee gurraacha gosa garaa garaa,
LEV 11:15 arraagessa gosa garaa garaa,
LEV 11:16 guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa,
LEV 11:17 urunguu xinnaa, daakiyyee, urunguu guddaa,
LEV 11:18 urunguu adii, urunguu gammoojjii, allaattii raqaa,
LEV 11:19 huummoo, huummoo gosa kamii iyyuu, haadha gaayyee, simbira halkanii.
LEV 11:20 “ ‘Ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼani.
LEV 11:21 Taʼus ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman keessaa tokko tokko nyaachuu ni dandeessu; isaanis warra ittiin lafa irra utaaluuf miilla dadachaʼu qabanii dha.
LEV 11:22 Isaan keessaas hawwaannisa gosa garaa garaa, hawwaannisa magariisa garaa garaa, farda waaqaa garaa garaa fi korophisa garaa garaa nyaachuu dandeessu.
LEV 11:23 Garuu ilbiisota barrisan kanneen miilla afur qaban biraa hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
LEV 11:24 “ ‘Isin wantoota kanneeniin of xureessitu; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa dha.
LEV 11:25 Namni reeffa isaanii tokko illee lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 11:26 “ ‘Bineensi kottee baqaqaa qabu kan kotteen isaa guutumaan guutuutti gargar hin qoodamin yookaan alala hin guurre kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
LEV 11:27 Bineensota miilla afuriin deeman hunda keessaa kanneen faanaan ejjetan isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 11:28 Namni raqa isaanii lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Isaanis isiniif xuraaʼoo dha.
LEV 11:29 “ ‘Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; isaanis: tuqaa, hantuuta, loccuu gurguddaa gosa gosaa,
LEV 11:30 loccuu cirrachaa, naacha, qarcoo, qarcabboo fi gaararraa dha.
LEV 11:31 Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 11:32 Uumamawwan sana keessaa tokko yoo duʼee miʼa wayii irra buʼe, miʼi sun faayidaan isaa waan fedhe iyyuu taʼu, inni muka irraa, huccuu irraa, gogaa irraa yookaan keeshaa irraa hojjetamu illee miʼi sun xuraaʼaa taʼa; miʼa sana bishaan keessa buusaa. Innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼee ergasii immoo qulqulluu taʼa.
LEV 11:33 Isaan keessaa tokko okkotee keessa yoo buʼe, wanni okkotee sana keessa jiru hundi xuraaʼaa taʼa; isinis okkotee sana cabsuu qabdu.
LEV 11:34 Nyaanni nyaatamuu dandaʼu kan garuu bishaan okkotee akkasii keessaa itti naqame kam iyyuu xuraaʼaa dha; dhugaatiin okkotee sana keessaa dhugamuu dandaʼu kam iyyuus xuraaʼaa dha.
LEV 11:35 Wanni raqa uumamawwan kanaa keessaa tokko iyyuu irra buʼu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; eeleen yookaan okkoteen waa itti bilcheessan cabsamuu qaba. Isaan xuraaʼoo dha; isinis akka miʼa xuraaʼaatti isaan ilaalaa.
LEV 11:36 Burqaan yookaan boolli bishaan itti kuufamu immoo qulqulluu taʼee tura; garuu namni raqa kana keessaa tokko illee tuqu xuraaʼaa dha.
LEV 11:37 Raqni tokko sanyii facaafamuuf jiru irra yoo buʼe sanyiin sun qulqulluu taʼee hafa.
LEV 11:38 Garuu sanyii sana irratti bishaan naqamee raqni wayii yoo irra buʼe sanyiin sun isiniif xuraaʼaa dha.
LEV 11:39 “ ‘Horiin akka isin nyaattaniif isiniif eeyyamame tokko yoo duʼe, namni raqa isaa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 11:40 Namni raqa sana irraa waa nyaatu wayyaa isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni raqa sana lafaa fuudhe wayyaa isaa miiccadhuu qaba; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 11:41 “ ‘Uumamni lafa irra munyuuqu kam iyyuu xuraaʼaa dha; nyaatamuus hin qabu.
LEV 11:42 Uumama lafa irra looʼu kan garaadhaan lafa irra looʼu yookaan miilla afuriin yookaan miilla hedduun deemu kam iyyuu hin nyaatinaa; inni xuraaʼaa dha.
LEV 11:43 Uumamawwan kanneen keessaa tokkoon iyyuu of hin xureessinaa. Isin akka xuraaʼoo hin taaneef isaaniin of hin xureessinaa.
LEV 11:44 Ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha; waan ani qulqulluu taʼeef isinis of qulqulleessaatii qulqulloota taʼaa. Uumama lafa irra munyuuqu kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
LEV 11:45 Ani Waaqayyo kan Waaqa keessan taʼuuf jedhee biyya Gibxiitii isin baasee dha; kanaafuu ani qulqulluudhaatii isinis qulqulluu taʼaa.
LEV 11:46 “ ‘Seerri waaʼee horii, simbirroo, lubbuu qabeeyyii bishaan keessa munyuuqan hundaa fi uumama lafa irra munyuuqu hundaa kanaa dha.
LEV 11:47 Isin waan xuraaʼaa fi waan qulqulluu, uumama nyaatamuu fi kan hin nyaatamne addaan baaftanii beekuu qabdu.’ ”
LEV 12:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 12:2 “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Dubartiin ulfooftee ilma deessee jirtu akka seeraatti akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti bultii torbaaf xurooftuu taati.
LEV 12:3 Ilmi sunis guyyaa saddeettaffaatti dhagna haa qabatu.
LEV 12:4 Ergasiis dubartiin sun dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii soddomii sadii eeggachuu qabdi. Ishee hamma yeroon qulqulleeffamuu ishee raawwatamutti waan qulqulluu hin tuqin yookaan gara iddoo qulqulluu hin dhaqin.
LEV 12:5 Isheen yoo durba deessee jiraatte akkuma yeroo xurii of irraa qabdu sanaatti torban lamaaf xurooftuu taati; ergasii immoo dhiiga ishee irraa qulqulleeffamuuf bultii jaatamii jaʼa eeggachuu qabdi.
LEV 12:6 “ ‘Isheen gaafa yeroon qulqulleeffamuu ishee kan sababii ilmaa yookaan intalaa raawwatamutti, xobbaallaa hoolaa kan waggaa tokkoo aarsaa gubamuuf, gugee sookkee tokko yookaan gugee tokko aarsaa cubbuutiif balbala dunkaana wal gaʼii duratti gara lubaa haa fiddu.
LEV 12:7 Innis isheedhaaf araara buusuuf jedhee waan kana fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessa; isheenis ergasii akka seeraatti dhangalaʼaa dhiiga ishee irraa qulqulloofti. “ ‘Seerri dubartii ilma yookaan durba deessuu kanaa dha.
LEV 12:8 Isheen yoo xobbaallaa hoolaa fiduu hin dandeenye, gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa gubamuuf kaan immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu. Haala kanaan lubichi isheedhaaf araara buusa; isheenis ni qulqulloofti.’ ”
LEV 13:1 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
LEV 13:2 “Namni yoo gogaa dhagna isaa irraa iitoo yookaan finniisa yookaan baarolee qabaatee wanni sun gogaa dhagna isaa irratti gara lamxiitti geeddarame, namichi sun gara Aroon lubichaatti yookaan ilmaan isaa luboota keessaa gara isa tokkootti haa geeffamu.
LEV 13:3 Lubni sun madaa gogaa dhagna namichaa irra jiru haa qoru; yoo rifeensi madaa sana irra jiru addaatee madaan sun gogaa keessa darbee foonitti gad seene, dhukkubni sun dhukkuba lamxii ti. Lubichis erga isa qoree booddee akka inni akka seeraatti xuraaʼaa taʼe haa labsu.
LEV 13:4 Yoo baaroleen gogaa namichaa irra jiru addaatee garuu gogaa keessa darbee foonitti gad hin seenin, yoo rifeensi madaa sana irra jirus hin addaatin, lubichi namicha madaaʼe sana bultii torba kophaatti baasee haa tursu.
LEV 13:5 Bultii torbaffaatti immoo lubichi isa haa qoru; lubni yoo akka madaan sun hin geeddaraminii fi akka inni gogaa namichaa irra hin faffacaʼin arge ammas bultii torba kophaatti baasee isa haa tursu.
LEV 13:6 Amma illee lubichi bultii torbaffaatti namicha haa qoru; kunoo, yoo madaan sun qooree gogaa irra hin faffacaʼin, lubichi akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu; wanni sun cittoo dha. Namichi wayyaa isaa haa miiccatu; inni ni qulqullaaʼa.
LEV 13:7 Garuu inni erga qulqulluu taʼuun isaa akka labsamuuf lubatti of argisiisee booddee yoo cittoon sun gogaa isaa irra faffacaʼe inni amma illee lubatti of argisiisuu qaba.
LEV 13:8 Lubichis isa haa qoru; yoo cittoon sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubichi akka inni xuraaʼaa taʼe haa labsu; wanni kun lamxii dha.
LEV 13:9 “Namni yoo lamxii qabaate inni lubatti fidamuu qaba.
LEV 13:10 Lubichi isa haa qoru; kunoo yoo iiti adiin kan rifeensa addeesse gogaa irra jiraatee fi foon iita sanaa diimatee mulʼate,
LEV 13:11 wanni sun dhukkuba gogaa kan hin fayyinee dha; lubichis akka namichi xuraaʼaa taʼe haa labsu. Waan inni duraanuu xuraaʼaa taʼeef lubichi kophaatti baasee isa tursuun barbaachisaa miti.
LEV 13:12 “Dhukkubni sun hamma lubni arguu dandaʼutti gogaa isaa irra yoo faffacaʼee gogaa namicha madaaʼe sanaa mataadhaa hamma miillaatti haguuge,
LEV 13:13 lubichi isa haa qoru; kunoo yoo dhukkubni sun guutumaan guutuutti dhagna namichaa wal gaʼe inni akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu. Waan dhagni isaa guutuun addaateef namichi sun qulqulluu dha.
LEV 13:14 Inni garuu yeroo iita foon isaa keessaan diimatee mulʼatu qabaatu xuraaʼaa dha.
LEV 13:15 Lubichi yeroo foon diimatee mulʼatu argutti akka namichi sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; foon diimate xuraaʼaa dha; namichis lamxii qaba.
LEV 13:16 Yookaan yoo foon diimaan geeddaramee addaate namichi lubatti of argisiisuu haa dhaqu.
LEV 13:17 Lubnis isa haa qoru; yoo madaan sun addaate lubichi akka namichi madaaʼe sun qulqulluu taʼe haa labsu; namichis ni qulqullaaʼa.
LEV 13:18 “Namni gogaa isaa irraa dhullaa yoo qabaatee dhullaan sun fayyee jiraate,
LEV 13:19 yoo iddoo dhullaan ture sanatti iiti adiin yookaan baaroleen diimaan adiin mulʼate inni lubatti of haa argisiisu.
LEV 13:20 Lubnis isa haa qoru; kunoo yoo wanni sun waan gogaa keessa darbee foon seene fakkaatee rifeensi isa keessaas addaate lubichi akka inni xuraaʼaa taʼe haa labsu. Wanni kun dhukkuba lamxii iddoo dhullaan turetti baʼee dha.
LEV 13:21 Garuu yommuu lubni baarolee sana qorutti, kunoo yoo rifeensi adiin irra hin jiraatinii fi yoo baaroleen sun utuu gogaa darbee foon hin seenin qooree jiraate lubni kophaatti baasee bultii torba isa haa tursu.
LEV 13:22 Yoo baaroleen sun gogaa irra faffacaʼe, lubichi akka namni sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; kun dhukkuba namatti darbuu dha.
LEV 13:23 Garuu baaroleen sun yoo hin geeddaraminii fi yoo hin faffacaʼin, inni godaannisa dhullaa sanaa ti; lubnis akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu.
LEV 13:24 “Yoo namni gogaa isaa irraa gubaa qabaatee foon diimaa iddoo gubamaa sanaa irratti baaroleen diimaan adiin yookaan adiin mulʼate,
LEV 13:25 lubni baarolee sana haa qoru; kunoo yoo rifeensi achi irra jiru addaatee baaroleen sunis gogaa keessa darbee foon seene wanni kun lamxii iddoo gubate sana irratti baʼuu dha. Lubichi akka namni sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; dhukkubni kun dhukkuba lamxii ti.
LEV 13:26 Garuu yoo lubni iddoo gubate sana qoree rifeensi adiin baarolee sana irra hin jiraatinii fi yoo baaroleen sun utuu gogaa keessa darbee foon hin seenin qooree jiraate lubichi namicha sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu.
LEV 13:27 Guyyaa torbaffaatti lubichi isa haa qoru; yoo baaroleen sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubni sun akka namichi xuraaʼaa taʼe haa labsu; dhukkubni kun dhukkuba lamxii ti.
LEV 13:28 Taʼus yoo baaroleen sun hin geeddaraminii fi utuu gogaa irra hin faffacaʼin bade wanni kun iitoo gubaa sana keessa baʼee dha. Lubichi akka namichi qulqulluu taʼe haa labsu; wanni kun godaannisa gubaa sanaa ti.
LEV 13:29 “Yoo dhiirri yookaan dubartiin mataa irraa yookaan areeda irraa madaa qabaatan,
LEV 13:30 lubni madaa sana haa qoru; kunoo yoo madaan sun gogaa keessa darbee foon seenee rifeensi achi irra jiru keelloo fakkaatee qaqalʼate, lubichi akka namichi sun xuraaʼaa taʼe haa labsu; kun hooqxoo mataa yookaan areedaa kan namatti darbuu dha.
LEV 13:31 Garuu yeroo lubni madaa akkanaa qorutti kunoo yoo madaan sun waan gogaa darbee foon seene hin fakkaatinii fi yoo rifeensi gurraachi tokko iyyuu madaa sana irra hin jiraatin lubni sun namicha hooqxoon qabe sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu.
LEV 13:32 Guyyaa torbaffaatti lubni madaa sana haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun hin faffacaʼin, yoo rifeensi keelloon achi irra hin jiraatinii fi hooqxoon sun waan gogaa keessa darbee foon seene hin fakkaatin,
LEV 13:33 namichi sun iddoo madaaʼe sana qofa dhiisee mataa isaa haa haadatu; lubni sunis ammas namicha sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu.
LEV 13:34 Guyyaa torbaffaattis lubni sun hooqxoo sana haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun gogaa irra hin faffacaʼinii fi waan gogaa keessa darbee foon seene hin fakkaatin lubichi akka namichi sun qulqulluu taʼe haa labsu; namichi wayyaa isaa haa miiccatu; innis ni qulqullaaʼa.
LEV 13:35 Garuu erga akka namichi qulqulluu taʼe labsamee booddee yoo hooqxoon sun gogaa irra faffacaʼe,
LEV 13:36 lubni isa haa qoru; kunoo yoo hooqxoon sun gogaa irra faffacaʼee jiraate lubichi rifeensa keelloo sakattaʼuu hin qabu; namichi sun xuraaʼaa dha.
LEV 13:37 Garuu akka hubannaa lubichaatti hooqxoon sun geeddaramuu baatee rifeensi gurraachi irratti biqillaan hooqxoon sun fayyeera; namichis qulqulluu dha; lubnis akka inni qulqulluu taʼe haa labsu.
LEV 13:38 “Yommuu dhiirri yookaan dubartiin gogaa dhagna isaa irraa baarolee qabaatanitti,
LEV 13:39 lubni isaan haa qoru; kunoo yoo baaroleen sun adii daalacha taʼe kun cittoo gogaa irratti baʼe kan nama hin miinee dha; namichis qulqulluu dha.
LEV 13:40 “Namni yoo rifeensi mataa isaa dhumee molaaʼe inni qulqulluu dha.
LEV 13:41 Yoo rifeensi mataa isaa fuula duraan irraa dhumee molaaʼes inni qulqulluu dha.
LEV 13:42 Garuu inni yoo moluu mataa isaa irraa yookaan moluu adda isaa irraa madaa adii diimatu qabaate wanni kun lamxii moluu mataa isaa yookaan moluu adda isaa keessaa baʼuu dha.
LEV 13:43 Lubni isa haa qoru; kunoo yoo madaan iitaʼe kan mataa isaa irraa yookaan adda isaa irraa sun akkuma lamxii gogaa irratti baʼee adii diimatu taʼe,
LEV 13:44 namichi dhukkubsataa fi xuraaʼaa dha. Sababii madaa mataa namichaa irra jiru sanaatiifis akka namichi xuraaʼaa taʼe lubni sun haa labsu.
LEV 13:45 “Namni lamxii akkasii qabu uffata tatarsaʼaa haa uffatu; rifeensa mataa isaatti waa hin maratin; afaan isaas haguuggatee, ‘Ani xuraaʼaa dha! Ani xuraaʼaa dha!’ jedhee haa iyyu.
LEV 13:46 Inni hamma dhukkubni sun irra jirutti xuraaʼaa dha; kophaa isaa haa jiraatu; qubata keessaas baʼee ala haa jiraatu.
LEV 13:47 “Yoo uffanni suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame kam iyyuu,
LEV 13:48 uffanni quncee talbaa irraa yookaan suufii irraa dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame kam iyyuu, gogaan yookaan wanni gogaa irraa hojjetame kam iyyuu lamxii qabaate,
LEV 13:49 yoo dhukkubni uffata irra yookaan gogaa irra yookaan uffata dhaʼame irra yookaan wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan miʼa gogaa irra jiru sun magariisa taʼe yookaan diimate wanni kun waan lamxii taʼeef lubatti haa argisiifamu.
LEV 13:50 Lubnis lamxii sana qoree miʼa dhukkubaan faalame sana kophaatti baasee bultii torba haa tursu.
LEV 13:51 Guyyaa torbaffaatti lubichi lamxii sana haa qoru; yoo lamxiin sun uffata irra yookaan wayyaa dhaʼame irra yookaan uffata wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan gogaa waan kamiif iyyuu fayyadu irra faffacaʼe wanni kun lamxii hamaa dha; miʼi sunis xuraaʼaa dha.
LEV 13:52 Sababii lamxiin sun hamaa taʼeef lubichi uffata yookaan wayyaa suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame kan dhukkuba sanaan faalame kam iyyuu haa gubu; miʼi sunis gubamuu qaba.
LEV 13:53 “Garuu yeroo lubni lamxii sana qorutti kunoo yoo lamxiin sun uffata irra yookaan wayyaa dhaʼame irra yookaan wal keessa loofamee hojjetame irra yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame irra faffacaʼuu baate,
LEV 13:54 lubichi akka miʼi lamxiidhaan faalame sun miiccamu haa ajaju. Ergasii immoo miʼa sana kophaatti baasee ammas bultii torba haa tursu.
LEV 13:55 Erga miʼi lamxiidhaan faalame sun miiccamee booddee lubichi miʼa sana haa qoru; lamxiin sun yoo faffacaʼu baate illee bifti isaa geeddaramuu baannaan uffanni sun xuraaʼaa dha. Yoo lamxiin sun gama tokkoon yookaan gama kaaniin miʼa sana faalee jiraate, miʼi sun ibiddaan haa gubamu.
LEV 13:56 Erga miʼi sun miiccamee booddee yeroo lubni qorutti yoo lamxiin sun badee jiraate lubichi iddoo lamxiidhaan faalame sana uffata yookaan gogaa yookaan wayyaa dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame irraa haa tarsaasu.
LEV 13:57 Garuu yoo lamxiin sun deebiʼee uffata irratti yookaan wayyaa dhaʼame irratti yookaan wal keessa loofame hojjetame irratti yookaan miʼa gogaa irraa hojjetame kam iyyuu irratti argame, lamxiin sun faffacaʼaa jira; wanni lamxii qabu ibiddaan haa gubamu.
LEV 13:58 Uffanni yookaan wayyaan dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼi gogaa irraa hojjetame kan miiccamee lamxiin irraa bade kam iyyuu ammas haa miiccamu; innis ni qulqullaaʼa.”
LEV 13:59 Wanni kun seera akka uffanni suufii irraa yookaan quncee talbaa irraa hojjetame, wayyaan dhaʼame yookaan wal keessa loofamee hojjetame yookaan miʼi gogaa irraa hojjetamee lamxiidhaan faalame kam iyyuu xuraaʼaa taʼee fi akka hin taʼin labsuuf kennamee dha.
LEV 14:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 14:2 “Kun seera nama lamxii qabu tokkoof guyyaa inni itti qulqulleeffamuuf kennamee dha; namichi lubatti haa fidamu.
LEV 14:3 Lubni sun iddoo qubataa keessaa gad baʼee namicha haa qoru. Kunoo, yoo namichi lamxii qabu sun fayyee jiraate,
LEV 14:4 lubichi akka sababii namicha qulqulleeffamu sanaatiif simbirroonni lubbuu qaban qulqulluun lamaa fi mukni birbirsaa, kirriin bildiimaa fi hiisophiin fidaman haa ajaju.
LEV 14:5 Lubni sunis ergasii akka simbirroota sana keessaa isheen tokko bishaan yaaʼu kan okkotee keessa jiru irratti qalamtu haa ajaju.
LEV 14:6 Innis simbirroo lubbuu qabdu sana fuudhee muka birbirsaa, kirrii bildiimaa fi hiisophii wajjin dhiiga simbirroo bishaan yaaʼu irratti qalamte sanaa keessa haa cuuphu.
LEV 14:7 Lubichi namicha lamxii irraa qulqulleeffamu sanatti yeroo torba faffacaasee akka inni qulqulluu taʼe haa labsu; ergasii simbirroo lubbuu qabdu sana dirreetti gad haa dhiisu.
LEV 14:8 “Namichi qulqulleeffamu sun uffata isaa miiccachuu, rifeensa isaa hunda haaddachuu fi dhagna isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; akkasiin inni akka seeraatti qulqulluu taʼa. Ergasii iddoo qubataatti ol galuu dandaʼa; garuu bultii torba dunkaana isaatiin ala turuu qaba.
LEV 14:9 Guyyaa torbaffaattis rifeensa isaa hunda haaddachuu qaba; mataa isaa, areeda isaa, nyaara isaatii fi rifeensa isaa biraa haa haaddatu. Uffata isaas miiccatee dhagna isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; innis ni qulqullaaʼa.
LEV 14:10 “Guyyaa saddeettaffaattis namichi sun korbeeyyii hoolaa kanneen hirʼina hin qabne lamaa fi hoolaa dhalaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne tokko, daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo kan zayitiidhaan sukkuumame irraa harka kudhan keessaa harka sadii kan kennaa midhaaniitiif taʼuu fi zayitii loogii tokkoo haa fidu.
LEV 14:11 Lubni akka namichi qulqulluu taʼe labsu sun namicha qulqulleefamu sanaa fi kennaawwan isaa balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
LEV 14:12 “Ergasiis lubichi korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fuudhee aarsaa yakkaa godhee loogii zayitii tokko wajjin haa dhiʼeessu; innis aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
LEV 14:13 Xobbaallaa hoolaa sanas iddoo aarsaan cubbuutii fi aarsaan gubamu itti qalamanitti haa qalu. Akkuma aarsaa cubbuu sana aarsaan yakkaas kan lubaa ti; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluu dha.
LEV 14:14 Lubichis dhiiga aarsaa yakkaa sana irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu.
LEV 14:15 Lubni sun zayitii loogii sana irraa fuudhee barruu harka isaa bitaatti haa naqu;
LEV 14:16 quba harka isaa mirgaas zayitii barruu harka isaa irra jiru keessa cuuphee quba isaatiin yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
LEV 14:17 Lubni sun zayitii barruu isaa irratti hafe irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamuu qabu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa, dhiiga aarsaa yakkaa sana irratti dabalee haa dibu.
LEV 14:18 Lubichi zayitii barruu harka isaa irratti hafe immoo mataa namicha qulqulleeffamuu sanaatti naqee fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusuuf.
LEV 14:19 “Ergasiis lubichi aarsaa cubbuu dhiʼeessee namicha xuraaʼummaa ofii irraa qulqulleeffamu sanaaf araara haa buusu. Sana booddee lubni sun aarsaa gubamu haa qalu;
LEV 14:20 kanas kennaa midhaanii wajjin iddoo aarsaa irratti dhiʼeessee araara isaaf haa buusu; namichis qulqulluu taʼa.
LEV 14:21 “Taʼus namichi sun yoo hiyyeessa taʼee waan kana dhiʼeessuu hin dandeenye, akka sochoofamee araarri isaaf buufamuuf inni xobbaallaa hoolaa tokko aarsaa yakkaa godhee daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame kan kennaa midhaaniitiif taʼu iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko zayitii loogii tokko wajjin haa fidu;
LEV 14:22 akkasumas waan fiduu dandaʼu jechuunis gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa fidu.
LEV 14:23 “Guyyaa saddeettaffaatti inni qulqullaaʼummaa isaatiif balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti waan kana lubatti haa fidu.
LEV 14:24 Lubni sunis xobbaallaa hoolaa aarsaa yakkaa sana zayitii loogii tokko wajjin fuudhee aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu.
LEV 14:25 Xobbaallaa hoolaa sanas aarsaa yakkaatiif qalee dhiiga isaa irraa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha qulqulleeffamu sanaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu.
LEV 14:26 Lubichis zayitii sana irraa fuudhee barruu harka isaa bitaa irratti haa naqu;
LEV 14:27 quba harka isaa mirgaatiinis zayitii barruu isaa irra jiru sana irraa yeroo torba fuula Waaqayyoo duratti haa facaasu.
LEV 14:28 Zayitii barruu isaa irra jiru irraa fuudhee idduma dhiiga aarsaa yakkaa ittiin tuqe sana jechuunis fiixee gurra namicha qulqulleeffamu sanaa mirgaa, quba abbuudduu harka isaa mirgaatii fi quba abbuudduu miilla isaa mirgaa haa dibu.
LEV 14:29 Lubichis fuula Waaqayyoo duratti araara isaaf buusuuf zayitii barruu isaa irratti hafe sana mataa namicha qulqulleeffamu sanaa irratti haa naqu.
LEV 14:30 Lubni sunis gugeewwan yookaan gugee sosookkee namichi dhiʼeessuu dandaʼu haa dhiʼeessu;
LEV 14:31 isaan kanneen keessaas tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf, kennaa midhaanii wajjin haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubichi namicha qulqulleeffamu sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara ni buusa.”
LEV 14:32 Kun seera nama lamxii qabaatee waan ittiin qulqulleeffamu baasuu hin dandeenyeef kennamee dha.
LEV 14:33 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
LEV 14:34 “Yommuu isin biyya Kanaʼaan kan ani akka dhaalaatti isiniif kennu sana seentanii anis mana biyya sanaa keessaa tokkotti dhukkuba lamxii facaasutti,
LEV 14:35 abbaan mana sanaa deemee, ‘Ani mana koo keessatti waan lamxii fakkaatu tokko argeera’ jedhee lubatti haa himu.
LEV 14:36 Lubichis akka wanni mana sana keessa jiru tokko iyyuu xuraaʼaa dha jedhamee hin labsamneef utuu lamxii sana qoruuf ol hin seenin dura akka mana sana keessaa miʼi gad baafamu haa ajaju. Ergasii lubichi ol seenee manicha haa qoru.
LEV 14:37 Innis lamxii keenyan manaa irra jiru haa qoru; yoo wanni sun dhooqa magariisa yookaan diimatu qabaatee keenyan manaa keessa gad seene,
LEV 14:38 lubichi mana sana keessaa balbalaan gad baʼee bultii torbaaf mana sana haa cufu.
LEV 14:39 Guyyaa torbaffaatti lubichi mana sana qoruuf haa deebiʼu. Kunoo yoo lamxiin sun keenyan manaa irratti babalʼatee jiraate,
LEV 14:40 lubichi akka dhagaawwan faalaman achi keessaa baafamanii lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti gataman haa ajaju.
LEV 14:41 Akka keenyan mana sanaa karaa keessaatiin guutummaatti soqamee wanni irraa hooqame sunis lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti gad gatamu haa godhu.
LEV 14:42 Iddoo dhagaawwan sun hooqamanii baʼan sanas dhagaawwan haaraa fidanii iddoo haa buusan; dhoqqee haaraadhaanis manicha haa maragan.
LEV 14:43 “Yoo lamxiin sun erga dhagaawwan baʼanii manichi hooqamee maragamee booddee deebiʼee mana keessatti mulʼate,
LEV 14:44 lubichi dhaqee haa qoru; lamxiin sun kunoo yoo mana keessa babalʼatee jiraate, kun lamxii hamaa dha; manichis xuraaʼaa dha.
LEV 14:45 Manni sun haa diigamu; dhagaan isaa, mukni isaa akkasumas maraggiin isaa hundinuu lafa xuraaʼaa magaalaan ala jirutti haa gatamu.
LEV 14:46 “Namni yoo utuu manichi cufamee jiruu ol seene, namni sun hamma galgalaatti xuraaʼaa dha.
LEV 14:47 Namni mana sana seenee rafe yookaan keessatti waa nyaate uffata isaa haa miiccatu.
LEV 14:48 “Garuu yoo lubni lamxii sana qoruudhaaf dhufee erga manichi maragamee booddee lamxiin sun babalʼachuu baate waan lamxiin sun badeef lubni sun akka manni sun qulqullaaʼe haa labsu.
LEV 14:49 Innis manicha qulqulleessuuf simbirroo lama, muka birbirsaa, kirrii bildiimaa fi hiisophii haa dhiʼeessu.
LEV 14:50 Innis simbirroo sana keessaa tokko bishaan yaaʼu kan okkotee keessa jiru irratti haa qalu.
LEV 14:51 Ergasiis birbirsaa, hiisophii, kirrii bildiimaa fi simbirroo lubbuu qabdu sana fuudhee dhiiga simbirroo qalamtee fi bishaan yaaʼu keessa cuuphee yeroo torba mana sanatti haa facaasu.
LEV 14:52 Innis dhiiga simbirrootiin, bishaan yaaʼuun, simbirroo jirtuun, birbirsaan, hiisophii fi kirrii bildiimaadhaan manicha haa qulqulleessu.
LEV 14:53 Simbirroo jirtuu immoo magaalaan alatti baasee dirreetti gad haa dhiisu. Haala kanaanis manichaaf araara buusa; manichis ni qulqullaaʼa.”
LEV 14:54 Kun seera dhukkuba lamxiitii fi hooqxoodhaaf,
LEV 14:55 lamxii wayyaa irratti yookaan mana keessatti mulʼatuuf,
LEV 14:56 iitoodhaaf, finniisaaf yookaan baaroleedhaaf,
LEV 14:57 akka wanni tokko qulqulluu yookaan xuraaʼaa taʼe addaan baasuuf kennamee dha. Kun seera lamxiidhaaf kennamee dha.
LEV 15:1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
LEV 15:2 “Akkana jedhaatii Israaʼelootatti himaa; ‘Namni kam iyyuu dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu yoo qabaate, inni sababii dhangalaʼaa sanaatiifuu xuraaʼaa dha.
LEV 15:3 Dhangalaʼaan sun ittuma fufee saala isaa keessaa baʼus dhaabatus namicha inuma xureessa. Akki itti dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun isa xureessus kanaa dha.
LEV 15:4 “ ‘Sireen namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irra ciisu hundinuu xuraaʼaa taʼa; wanni inni irra taaʼu hundinuus xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:5 Namni siree namicha sanaa tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:6 Namni waan namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼe irra taaʼu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:7 “ ‘Namni nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sana tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:8 “ ‘Yoo namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun nama qulqullaaʼaa kamitti iyyuu tufe, namichi itti tufame sun uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:9 “ ‘Kooraan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun irra taaʼu hundinuu xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:10 Namni waan isa jala ture tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni isaan kanneen lafaa fuudhu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:11 “ ‘Namni namichi dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun utuu harka isaa bishaaniin hin dhiqatin tuqu kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:12 “ ‘Okkoteen suphee kan namni dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu sun tuqu haa caccabsamu; miʼi muka irraa hojjetame kam iyyuu bishaaniin haa dhiqamu.
LEV 15:13 “ ‘Namni yommuu dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼu irraa qulqulleeffamutti akka seeraatti qulqulleeffamuu isaatiif bultii torba haa lakkaaʼatu; uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaan yaaʼuun haa dhiqatu; innis ni qulqullaaʼa.
LEV 15:14 Innis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama qabatee fuula Waaqayyoo dura dhufee balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa kennu.
LEV 15:15 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis lubni sun sababii dhangalaʼaa nama sanaatiif fuula Waaqayyoo duratti araara buusa.
LEV 15:16 “ ‘Namni tokko yommuu afeetaa dhangalaasutti dhagna isaa guutuu bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:17 Uffanni yookaan itilleen afeetaan tuqu kam iyyuu bishaaniin haa miiccamu; miʼi sun hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:18 Namni yoo niitii tokko wajjin ciisee afeetaa dhangalaase, lamaan isaanii iyyuu bishaaniin dhagna isaanii haa dhiqatan; isaan hamma galgalaatti xuraaʼoo taʼu.
LEV 15:19 “ ‘Dubartiin yoo dhangalaʼaa dhiigaa kan yeroo isaa eeggatee dhagna ishee keessaa baʼu qabaatte, isheen xuraaʼummaa xurii jiʼaa isheetiin bultii torba turti; namni ishee tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:20 “ ‘Wanni isheen yeroo xurii isheetti irra ciiftu xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:21 Namni siree ishee tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:22 Namni waan isheen irra teessu tuqu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:23 Namni yoo sirees taʼu waan isheen irra taaʼaa turte kam iyyuu tuqe inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:24 “ ‘Namni yoo ishee wajjin ciisee xuraaʼummaan ishee isa tuqe, inni bultii torba xuraaʼaa taʼa; sireen inni irra ciisu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:25 “ ‘Dubartiin tokko yoo yeroo xurii jiʼaa ishee malee guyyaa baayʼeedhaaf dhangalaʼa dhiigaa qabaatte yookaan yoo dhangalaʼa dhiigaa kan yeroo xurii ishee booddees ittuma fufu qabaatte isheen akkuma yeroo xurii ishee sanatti hamma dhangalaʼaan sun jirutti xurooftuu taati.
LEV 15:26 Sireen isheen yeroo dhangalaʼaan ishee ittuma fufee yaaʼutti irra ciiftu akkuma siree ishee kan yeroo xurii jiʼaa ishee sanaatti xuraaʼaa taʼa; wanni isheen irra teessu kam iyyuu akkuma yeroo xurii isheetti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:27 Namni isaan tuqu kam iyyuu ni xuraaʼa; inni uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
LEV 15:28 “ ‘Isheen erga dhangalaʼaa ishee irraa qulqullooftee booddee guyyaa torba haa lakkaaʼattu; ergasii immoo akka seeraatti ni qulqulloofti.
LEV 15:29 Isheenis guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama fuutee, balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fiddu.
LEV 15:30 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif, kaan immoo aarsaa gubamuuf haa dhiʼeessu. Haala kanaanis sababii xuraaʼummaa dhangalaʼaa isheetiif fuula Waaqayyoo duratti araara buusa.
LEV 15:31 “ ‘Isin akka Israaʼeloonni iddoo bultii koo kan gidduu isaanii jiru sana xureessuudhaan xuraaʼummaa isaaniitiin hin duuneef waan isaan xureessu irraa addaan isaan baasuu qabdu.’ ”
LEV 15:32 Wanni kun seera nama dhangalaʼaan saala isaa keessaa baʼuuf, nama afeetaan saala isaa keessaa baʼu xureessuuf,
LEV 15:33 dubartii xurii jiʼaa qabduuf, dhiira yookaan dubartii dhangalaʼaan saala keessaa baʼuu fi nama dubartii akka seeraatti qulqulluu hin taʼin tokko wajjin ciisu kamiif iyyuu kennamee dha.
LEV 16:1 Waaqayyos duʼa ilmaan Aroon kanneen yeroo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatanitti duʼan sana lamaanii booddee Museetti dubbate.
LEV 16:2 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani teessoo araaraa gararraatti duumessaan mulʼadhuuf akka obboleessi kee Aroon yeruma fedhetti gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu kan golgaa keessa fuula teessoo araaraa dura taabota irra jiru sanaa ol hin seenne itti himi; yoo kanaa achii inni ni duʼa.
LEV 16:3 “Akki Aroon itti Iddoo Iddoo Hunda Caalaa qulqulluu sana seenu kanaa dha: Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fidu.
LEV 16:4 Innis kittaa quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluu isaatii fi uffata dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa kaaʼatu. Sabbata quncee talbaa irraa hojjetame hidhatee marata mataa kan quncee talbaa irraa hojjetames haa maratu; kunneen uffata qulqulluu dha. Kanaafuu inni utuu uffata sana hin uffatin dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu.
LEV 16:5 Waldaa saba Israaʼel irraas aarsaa cubbuutiif korommii reʼee lama, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fuudhu.
LEV 16:6 “Aroon aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu.
LEV 16:7 Ergasiis reʼoota lamaan sana fuudhee balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
LEV 16:8 Aroonis reʼoota sana lamaanitti ixaa haa buusu; ixaa tokko Waaqayyoof, kaan immoo reʼee gad lakkifamuuf haa buusu.
LEV 16:9 Aroonis reʼee ixaan Waaqayyoo irra buʼe sana fidee aarsaa cubbuu godhee haa dhiʼeessu.
LEV 16:10 Garuu reʼeen akka reʼee gad lakkifamu taʼuuf ixaadhaan filatame sun akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gammoojjiitti gad ariʼamuudhaan akka araara buusuuf utuu lubbuudhaan jiruu fuula Waaqayyo duratti haa dhiʼeeffamu.
LEV 16:11 “Aroonis aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu; dibicha sanas cubbuu ofii isaatiif haa qalu.
LEV 16:12 Innis girgiraa barbadaa ibiddaa iddoo aarsaa kan fuula Waaqayyoo dura jiru irraa itti guutame tokko fuudhee ixaana urgaaʼaa daakamee bullaaʼes konyee lama fuudhee golgaa sana keessa haa seenu.
LEV 16:13 Innis akka hin duuneef, akka aarri ixaana sanaa teessoo araaraa kan dhuga baʼumsaa gubbaa jiru sana haguuguuf ixaana sana ibidda fuula Waaqayyoo dura jirutti haa naqu.
LEV 16:14 Dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee karaa fuulduraatiin teessoo araaraatti quba isaatiin haa facaasu; ergasii immoo dhiiga isaa fuudhee fuula teessoo araaraa duratti yeroo torba quba isaatiin haa facaasu.
LEV 16:15 “Reʼee sanas aarsaa cubbuu sabaa godhee haa qalu; dhiiga isaas fuudhee golgaa keessa seenuudhaan akkuma dhiiga dibicha sanaa godhe sana haa godhu; dhiiga sanas teessoo araaraa irrattii fi fuula teessoo araaraa duratti haa facaasu.
LEV 16:16 Cubbuun isaanii waanuma fedhe taʼu illee inni sababii xuraaʼummaa fi fincila saba Israaʼeliif Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana haala kanaan araara haa buusu; dunkaana wal gaʼii kan xuraaʼummaa isaanii keessa isaan gidduu jiruufis akkasuma haa godhu.
LEV 16:17 Yeroo Aroon Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana keessatti araara buusuuf ol seenee jalqabee hamma inni ofii isaatiif, warra mana isaa jiranii fi waldaa Israaʼel hundaaf araara buusee gad baʼutti namni tokko iyyuu dunkaana wal gaʼii keessatti hin argamin.
LEV 16:18 “Ergasiis iddoo aarsaa kan fuula Waaqayyoo dura jiru sanatti gad baʼee iddoo aarsaa sanaaf araara haa buusu. Innis dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee, dhiiga reʼee sanaa irraas fuudhee gaanfa iddoo aarsaa sanaa hunda irratti haa naqu.
LEV 16:19 Innis iddoo aarsaa sana xuraaʼummaa saba Israaʼel irraa qulqulleessee addaan baasuuf dhiiga sana irraa quba isaatiin yeroo torba iddoo aarsaa irratti haa facaasu.
LEV 16:20 “Aroon erga Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana, dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaatiif araara buusee raawwatee booddee reʼee lubbuudhaan jiru sana gara fuulduraatti haa dhiʼeessu.
LEV 16:21 Innis harka isaa lamaanuu mataa reʼee lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee achi irratti hamminaa fi fincila saba Israaʼel jechuunis cubbuu isaanii hunda hima. Yakka hundas mataa reʼee sanaa irra kaaʼee reʼee sana nama hojii kanaaf filatame tokkotti kennee gara gammoojjiitti haa ariʼu.
LEV 16:22 Reʼeen sunis cubbuu isaanii hunda of irratti baatee gara lafa namni hin dhaqneetti geessa; namichis gammoojjii keessatti isa gad dhiisa.
LEV 16:23 “Ergasiis Aroon dunkaana wal gaʼii seenee uffata quncee talbaa irraa hojjetame kan utuu Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana hin seenin uffate sana baafatee achumatti haa dhiisu.
LEV 16:24 Innis lafa qulqulluu tokkotti dhagna isaa bishaaniin dhiqatee uffata isa haa uffatu; ergasii immoo gad baʼee ofii isaatii fi saba sanaaf araara buusuuf, ofii isaatiif aarsaa gubamu, saba sanaafis aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
LEV 16:25 Cooma aarsaa cubbuu illee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
LEV 16:26 “Namichi reʼee sana akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gad dhiisu sun wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
LEV 16:27 Dibichii fi reʼeen aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffaman kanneen dhiigni isaanii araara buusuuf Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutti fidame sun qubata keessaa haa baafaman; gogaan isaanii, foonii fi miʼi garaa isaanii haa gubamu.
LEV 16:28 Namichi wantoota kanneen gubus uffata isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
LEV 16:29 “Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Dhalataa biyyaas taʼu alagaan isin gidduu jiraatu guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti gad of haa qabu; hojii tokko iyyuus hin hojjetin.
LEV 16:30 Sababiin isaa isin qulqulleessuuf guyyaan kun guyyaa itti araarri buʼu dha; ergasiis isin fuula Waaqayyoo duratti cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu.
LEV 16:31 Kun waan sanbata boqonnaa taʼeef isin gad of deebisuu qabdu; innis seera bara baraa ti.
LEV 16:32 Lubni iddoo abbaa isaa buʼee luba ol aanaa taʼuuf dibamee muudamu araara buusuu qaba; innis wayyaa qulqulluu kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee,
LEV 16:33 Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluuf, dunkaana wal gaʼiitiif, iddoo aarsaatiif, lubootaa fi miseensota waldaa hundaafis araara haa buusu.
LEV 16:34 “Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Kunis akka cubbuu Israaʼelootaa hundaaf waggaatti yeroo tokko araarri buufamuuf.” Wanni sunis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
LEV 17:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 17:2 “Aroonii fi ilmaan isaatti, saba Israaʼel hundattis akkana jedhii himi; ‘Wanni Waaqayyo ajaje kunoo kana:
LEV 17:3 Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yoo qubata keessatti yookaan qubataan alatti sangaa yookaan hoolaa yookaan reʼee qalee
LEV 17:4 dunkaana qulqulluu Waaqayyoo duratti aarsaa godhee Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼiitti fiduu baate namichi sun dhiiga dhangalaase sanatti ni gaafatama; inni dhiiga dhangalaaseeraatii saba isaa keessaa haa balleeffamu.
LEV 17:5 Kunis akka Israaʼeloonni aarsaawwan amma alatti dhiʼeessaa jiran kana Waaqayyoof fidaniif. Isaanis aarsaawwan kanneen aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidan.
LEV 17:6 Lubichis dhiiga sana iddoo aarsaa Waaqayyoo kan balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru sanatti haa facaasu; cooma isaas urgaa Waaqayyotti tolu godhee haa gubu.
LEV 17:7 Isaanis siʼachi waaqota tolfamoo bifa reʼee kanneen duukaa buʼanii sagaagalaa turan sanaaf aarsaa isaanii tokko illee dhiʼeessuu hin qaban; kunis isaaniif dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.’
LEV 17:8 “Akkanas isaaniin jedhi; ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan isaan gidduu jiraatu kam iyyuu yoo aarsaa gubamu yookaan qalma dhiʼeessee
LEV 17:9 balbala dunkaana wal gaʼii duratti Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf fiduu baate namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
LEV 17:10 “ ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu isaanii jiraatu kam iyyuu dhiiga yoo nyaate, ani nama dhiiga nyaate sana fuula ittin hammaa dha; saba isaa keessaas isa nan balleessa.
LEV 17:11 Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga.
LEV 17:12 Kanaafuu ani Israaʼelootaan, “Isin keessaa namni tokko iyyuu dhiiga hin nyaatin yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu dhiiga hin nyaatin” nan jedha.
LEV 17:13 “ ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu kan bineensa yookaan simbira nyaatamu adamsu kam iyyuu dhiiga waan sanaa dhangalaasee biyyoo itti haa deebisu;
LEV 17:14 jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga isaa ti. Sababiin ani Israaʼelootaan, “Waan jireenyi waan lubbuu qabu hundaa dhiiga isaa taʼeef isin dhiiga waan lubbuu qabu tokko illee hin nyaatinaa; namni dhiiga nyaatu kam iyyuu saba keessaa haa balleeffamuu” jedheefis kanuma.
LEV 17:15 “ ‘Namni kam iyyuu dhalataa biyyaas taʼu alagaan waan duʼee argame yookaan bineensi ciccire nyaatu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa dha; ergasii ni qulqullaaʼa.
LEV 17:16 Yoo uffata isaa miiccachuu fi dhagna isaa dhiqachuu baate garuu inni cubbuu sanatti ni gaafatama.’ ”
LEV 18:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 18:2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 18:3 Isin waan isaan biyya Gibxi, biyya isin keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa; waan biyya Kanaʼaan, biyya ani itti isin galchuuf jiru keessatti hojjetamus hin hojjetinaa. Seera isaanii duukaa hin buʼinaa.
LEV 18:4 Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha.
LEV 18:5 Ajaja koo fi seera koo eegaa; namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraataatii; ani Waaqayyo.
LEV 18:6 “ ‘Namni kam iyyuu fira dhiigaa kam iyyuu wajjin wal bira gaʼuuf itti hin dhiʼaatin; ani Waaqayyo.
LEV 18:7 “ ‘Haadha kee wajjin wal bira gaʼuudhaan abbaa kee hin salphisin; isheen haadha kee ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
LEV 18:8 “ ‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa.
LEV 18:9 “ ‘Isheen manuma keettis taʼu yookaan alatti dhalattu illee obboleettii kee, intala abbaa keetii yookaan haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin.
LEV 18:10 “ ‘Intala ilma keetii yookaan intala intala keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun si salphisa.
LEV 18:11 “ ‘Intala niitii abbaa keetii kan abbaa keetiif dhalatte wajjin wal bira hin gaʼin; isheen obboleettii kee ti.
LEV 18:12 “ ‘Obboleettii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen abbaa keetiif fira dhiigaa ti.
LEV 18:13 “ ‘Obboleettii haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen haadha keetiif fira dhiigaa ti.
LEV 18:14 “ ‘Wal bira gaʼuuf jettee niitii obboleessa abbaa keetiitti dhiʼaattee isa hin salphisin; isheen niitii obboleessa abbaa keetii ti.
LEV 18:15 “ ‘Niitii ilma keetii wajjin wal bira hin gaʼin. Isheen niitii ilma keetii ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
LEV 18:16 “ ‘Niitii obboleessa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun obboleessa kee salphisa.
LEV 18:17 “ ‘Dubartii tokkoo fi intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin. Intala ilma dubartii sanaa yookaan intala intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin; isaan isheedhaaf fira dhiigaa ti; wanni kun jalʼina.
LEV 18:18 “ ‘Utuu niitiin kee lubbuudhaan jirtuu obboleettii ishee masaanuu ishee gootee hin fuudhin; ishee wajjinis wal bira hin gaʼin.
LEV 18:19 “ ‘Yeroo dubartiin tokko xuraaʼummaa xurii jiʼaa of irraa qabdutti, bira gaʼuudhaaf jettee isheetti hin dhiʼaatin.
LEV 18:20 “ ‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin.
LEV 18:21 “ ‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani Waaqayyo.
LEV 18:22 “ ‘Akka namni dubartii wajjin ciisu ati dhiira wajjin hin ciisin; wanni kun hojii jibbisiisaa dha.
LEV 18:23 “ ‘Horii kam iyyuu wajjin wal bira geessee of hin xureessin; dubartiin horii wajjin wal bira gaʼuuf ofii ishee itti hin kennin; kun waan karaa irraa goree dha.
LEV 18:24 “ ‘Sababii namoonni ani ariʼee isin duraa baasuuf jiru kunneen haala kanaan xuraaʼaniif isin karaa kanneen keessaa kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
LEV 18:25 Lafti iyyuu xuroofteerti; kanaafuu ani sababii cubbuu isheetiifan ishee adabe; laftis jiraattota ishee ni tufti.
LEV 18:26 Isin garuu ajaja koo fi seera koo eegaa. Dhalataan biyyaatii fi alagoonni isin gidduu jiraatanis waan jibbisiisaa kana keessaa kam iyyuu hin hojjetin.
LEV 18:27 Namoonni isiniin dura biyya sana keessa jiraatanis waan kana hunda hojjetanii akkasiin biyyattiin xuroofte.
LEV 18:28 Isinis lafa kana yoo xureessitan, lafti akkuma saboota isin dura turan tufte sana isiniin illee ni tufti.
LEV 18:29 “ ‘Namni wantoota jibbisiisoo kanneen keessaa tokko illee hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
LEV 18:30 Ajaja koo eegaa; barteewwan jibbisiisoo isin dura hojjetamaa turan sana keessaa tokko illee duukaa buutanii ittiin of hin xureessinaa; ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
LEV 19:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 19:2 “Akkana jedhii waldaa saba Israaʼel hundatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqni keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa.
LEV 19:3 “ ‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 19:4 “ ‘Gara waaqota tolfamootti hin deebiʼinaa yookaan sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqota hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 19:5 “ ‘Yommuu aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka aarsaan keessan fudhatama isiniif argatu godhaatii dhiʼeessaa.
LEV 19:6 Aarsaan isin dhiʼeessitanis guyyuma sana yookaan guyyaa itti aanu haa nyaatamu; garuu wanni hafee hamma guyyaa sadaffaatti ture haa gubamu.
LEV 19:7 Waan kana keessaa tokko iyyuu yoo guyyaa sadaffaatti nyaatame xuraaʼaa dha; fudhatamas hin argatu.
LEV 19:8 Namni waan sana nyaatu sababii waan Waaqayyoon qulqulleeffame xureesseef itti gaafatama; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
LEV 19:9 “ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabattanitti hamma daariitti hin haaminaa; qarmii isaa illee hin funaannatinaa.
LEV 19:10 Qarmii iddoo dhaabaa wayinii keetii hin funaanin yookaan ija wayinii keetii kan harcaʼe hin funaanin. Hiyyeeyyii fi alagootaaf dhiisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 19:11 “ ‘Hin hatinaa. “ ‘Hin sobinaa. “ ‘Walis hin gowwoomsinaa.
LEV 19:12 “ ‘Sobaan maqaa kootiin hin kakatinaa; akkasiinis maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani Waaqayyo.
LEV 19:13 “ ‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin. “ ‘Mindaa nama qaxarame tokkoo hamma bariʼutti of bira hin bulchin.
LEV 19:14 “ ‘Nama gurra duudaa hin abaarin yookaan nama jaamaa dura gufuu hin kaaʼin; garuu Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
LEV 19:15 “ ‘Murtii hin jalʼisinaa; nama wal caalchisuudhaan gara hiyyeessaa hin gorinaa; nama guddaafis hin looginaa; ollaa keetiif garuu murtii qajeelaa kenni.
LEV 19:16 “ ‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin. “ ‘Waan jireenya ollaa keetii balaa irra buusu hin hojjetin. Ani Waaqayyo.
LEV 19:17 “ ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.
LEV 19:18 “ ‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani Waaqayyo.
LEV 19:19 “ ‘Sirna koo eegaa. “ ‘Horii gosa gosaa walitti hin diqaalomsinaa. “ ‘Midhaan gosa lama lafa qotiisaa keessanitti hin facaasinaa. “ ‘Wayyaa waan lama irraa hojjetame hin uffatinaa.
LEV 19:20 “ ‘Namni garbittii nama biraaf kaadhimamte kan hin furamin yookaan bilisummaan ishee hin kennaminiif wajjin yoo wal bira gaʼe isaan adabamuu qabu; taʼus waan dubartiin sun hin bilisoominiif isaan hin ajjeefamin.
LEV 19:21 Namichi sun garuu korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif gara balbala dunkaana wal gaʼiitti Waaqayyoof haa fidu.
LEV 19:22 Lubichis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaa sanaan cubbuu namichi hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; cubbuun namichaas ni dhiifamaaf.
LEV 19:23 “ ‘Isin yommuu biyyattiitti galtanii muka ija kennu kan gosa hundaa dhaabdanitti, akka waan iji isaa dhowwameetti fudhadhaa. Isin akka waan iji sun hamma waggaa sadiitti dhowwameetti ilaalaa; iji sun hin nyaatamin.
LEV 19:24 Waggaa afuraffaatti immoo iji isaa hundinuu ni qulqullaaʼa; Waaqayyoofis aarsaa galataa taʼa.
LEV 19:25 Waggaa shanaffaatti garuu ija isaa nyaachuu dandeessu. Haala kanaan oomishni keessan ni guddata. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 19:26 “ ‘Utuu dhiigni keessa jiruu foon kam iyyuu hin nyaatinaa. “ ‘Tolcha yookaan falfala hin hojjetinaa.
LEV 19:27 “ ‘Rifeensa mataa keessanii naannessitanii hin haaddatinaa yookaan qarqara areeda keessaniis hin murmuratinaa.
LEV 19:28 “ ‘Nama duʼeef jettanii dhagna keessan hin mammadeessinaa yookaan mallattoo tumaa tokko illee of irratti hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo.
LEV 19:29 “ ‘Akka lafti halalummaatti deebitee hamminaan hin guutamneef intala kee akka isheen ejjitu gochuudhaan ishee hin salphisin.
LEV 19:30 “ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.
LEV 19:31 “ ‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 19:32 “ ‘Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
LEV 19:33 “ ‘Yoo alagaan biyya keessan keessa isin wajjin jiraate isa hin cunqursinaa.
LEV 19:34 Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 19:35 “ ‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa.
LEV 19:36 Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii fi iinii dhugaatti fayyadamaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxii baasee isin fidee dha.
LEV 19:37 “ ‘Ajajaa fi seera koo hunda eegaatii duukaa buʼaa. Ani Waaqayyo.’ ”
LEV 20:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 20:2 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni Israaʼel yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kan ilmaan isaa keessaa Moolekiif kennu kam iyyuu haa ajjeefamu; sabni biyya sanaa dhagaadhaan isa haa tumu.
LEV 20:3 Sababii namichi sun ilmaan isaa Moolekiif kennuudhaan iddoo qulqulluu koo xureessee maqaa koo qulqulluu sana salphiseef, ani fuula itti hammaadhee saba isaa keessaa isa nan balleessa.
LEV 20:4 Sabni biyya sanaa yeroo namichi sun ilmaan isaa keessaa tokko Moolekiif kennutti yoo fuula irraa deebifatee isa ajjeesuu dhiise,
LEV 20:5 ani namicha sanaa fi maatii isaatti fuula hammaadhee isaa fi warra isa faana buʼanii sagaagaluudhaan Moolekitti of kennan hunda saba isaanii keessaa nan balleessa.
LEV 20:6 “ ‘Nama isaan duukaa buʼuudhaan sagaagaluuf jedhee gara ilaaltotaatii fi warra ekeraa dubbisaniitti deebiʼutti ani fuula ittan hammaadha; saba isaa keessaa isa nan balleessa.
LEV 20:7 “ ‘Of qulqulleessaa; qulqullootas taʼaa; ani Waaqayyo Waaqa keessaniitii.
LEV 20:8 Sirna koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessuu dha.
LEV 20:9 “ ‘Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare kam iyyuu haa ajjeefamu. Inni abbaa isaa yookaan haadha isaa abaareeraatii dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa.
LEV 20:10 “ ‘Yoo namni niitii nama biraa wajjin jechuunis niitii ollaa isaa wajjin sagaagale namichi sagaagalee fi niitiin sagaagalte sun haa ajjeefaman.
LEV 20:11 “ ‘Namni yoo niitii abbaa isaa wajjin ciise inni abbaa isaa salphiseera. Namichis, dubartiin sunis haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
LEV 20:12 “ ‘Yoo namni niitii ilma isaa wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu haa ajjeefaman. Isaan haraamuu dha; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
LEV 20:13 “ ‘Yoo namni akkuma dubartii wajjin ciisutti dhiira wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu waan jibbisiisaa hojjetaniiru. Isaan haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
LEV 20:14 “ ‘Namni tokko yoo intalaa fi haadha ishee fuudhe, wanni kun xuraaʼummaa dha. Akka isin gidduutti xuraaʼummaan akkasii hin argamneef namichii fi dubartoonni lamaan ibiddaan haa gubaman.
LEV 20:15 “ ‘Namni tokko yoo horii wajjin wal bira gaʼe haa ajjeefamu; horii sana illee ajjeesaa.
LEV 20:16 “ ‘Yoo dubartiin horii kamitti iyyuu dhiʼaattee horii sana wajjin wal bira geesse, dubartiin sunii fi horiin sun haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
LEV 20:17 “ ‘Namni tokko yoo obboleettii isaa jechuunis intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa fuudhee wal bira gaʼan wanni kun salphina. Isaan utuma sabni isaanii arguu saba isaanii keessaa haa balleeffaman; namichi kun obboleettii isaa salphiseera; itti gaafatamas.
LEV 20:18 “ ‘Namni tokko yoo yeroo dubartiin tokko xurii jiʼaa of irraa qabdutti ishee bira gaʼe, inni madda dhangalaʼaa ishee ifatti baaseera; isheenis madda dhangalaʼa ishee mulʼifteerti. Lamaan isaanii iyyuu saba isaanii keessaa haa balleeffaman.
LEV 20:19 “ ‘Obboleettii haadha keetii yookaan abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun fira dhiigaa salphisaatii; isin lamaanuus itti gaafatamtu.
LEV 20:20 “ ‘Namni tokko yoo niitii eessuma isaa wajjin wal bira gaʼe inni eessuma isaa salphiseera. Isaan itti gaafatamu; utuu ijoollee hin argatinis duʼu.
LEV 20:21 “ ‘Namni tokko yoo niitii obboleessa isaa fuudhe, wanni kun hojii xuraaʼummaa ti; innis obboleessa isaa salphiseera. Isaan ijoollee malee hafu.
LEV 20:22 “ ‘Akka lafti ani akka isin keessa jiraattaniif itti isin fidu sun isin hin tufneef ajajaa fi seera koo hunda eegaa; duukaa buʼaas.
LEV 20:23 Isin bartee saboota ani fuula keessan duraa ariʼee baasuuf jiru kanneenii duukaa hin buʼinaa; sababii isaan wantoota kanneen hunda hojjetaniif ani isaan jibbeera.
LEV 20:24 Ani garuu, “Isin lafa isaanii ni dhaaltu; anis lafa aannanii fi damma baasu dhaala godhee isiniifin kenna” jedheera. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan saboota kaan irraa addaan isin baasee dha.
LEV 20:25 “ ‘Kanaafuu isin bineensa qulqullaaʼaa fi xuraaʼaa, simbirroo xuraaʼaa fi qulqullaaʼaa addaan baasaa. Bineensa yookaan simbirroo yookaan waan lafa irra munyuuqu kanneen ani isiniif xuraaʼota jedhee addaan baase kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
LEV 20:26 Sababii ani Waaqayyo qulqulluu taʼee fi akka isin kan koo taataniifis saboota kaan irraa addaan isin baaseef, isin qulqulloota naaf taʼaa.
LEV 20:27 “ ‘Dhiirri yookaan dubartiin ilaalan yookaan ekeraa dubbisan haa ajjeefaman. Isaan dhagaadhaan haa tumaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.’ ”
LEV 21:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akkana jedhiitii ilmaan Aroon luboota sanatti dubbadhu: ‘Lubni tokko nama fira isaa keessaa duʼeef jedhee of hin xureessin;
LEV 21:2 garuu firoota dhiigaatiif jechuunis haadha isaa, abbaa isaa, ilma isaa, intala isaa, obboleessa isaa,
LEV 21:3 yookaan obboleettii isaa kan sababii hin heeruminiif isa wajjin jiraattuuf jedhee of xureessuu dandaʼa.
LEV 21:4 Garuu namoota karaa fuudhaa fi heerumaatiin firoota isaa taʼaniif jedhee of hin xureessin; akkasiinis xuraaʼaa hin taʼin.
LEV 21:5 “ ‘Luboonni mataa isaanii yookaan qarqara areeda isaanii hin haadatin yookaan dhagna isaanii hin madeessin.
LEV 21:6 Isaan Waaqa isaaniitiif qulqulloota haa taʼan; maqaa Waaqa isaaniis hin xureessin. Isaan waan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, nyaata Waaqa isaanii sana dhiʼeessaniif qulqulloota taʼuu qabu.
LEV 21:7 “ ‘Luboonni sababii Waaqa isaaniitiif qulqulloota taʼaniif isaan dubartoota sagaagalummaadhaan xuraaʼan yookaan kanneen dhirsoota isaanii hiikan fuudhuu hin qaban.
LEV 21:8 Ati isa qulqulleessi; inni nyaata Waaqa keetii dhiʼeessaatii. Inni siif haa qulqullaaʼu; ani Waaqayyo inni isin qulqulleessu qulqulluudhaatii.
LEV 21:9 “ ‘Intalli luba tokkoo yoo sagaagalummaadhaan of xureessite isheen abbaa ishee salphifti; isheen ibiddaan haa gubamtu.
LEV 21:10 “ ‘Lubni obboloota isaa keessaa luba ol aanaa taʼee zayitiin ittiin diban mataa isaa irratti naqame kan akka uffata lubummaa uffatuuf muudame tokko mataa isaa filachuu hin dhiisin yookaan uffata ofii hin tarsaasin.
LEV 21:11 Inni iddoo reeffi jiru hin seenin. Abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif iyyuu jedhee of hin xureessin;
LEV 21:12 yookaan sababii zayitiin ittiin diban kan Waaqa isaa isa irra jiruuf inni iddoo qulqulluu sana keessaa hin baʼin yookaan iddoo qulqulluu Waaqa isaa hin xureessin. Ani Waaqayyo.
LEV 21:13 “ ‘Dubartiin inni fuudhu durba taʼuu qabdi.
LEV 21:14 Inni haadha hiyyeessaa, niitii dhirsi hiike yookaan niitii sagaagalummaadhaan xuroofte hin fuudhin; garuu gosa isaa keessaa durba haa fuudhu;
LEV 21:15 kunis akka inni gosa isaa keessatti sanyii isaa hin xureessineef. Ani Waaqayyo isa qulqulleessuu dha.’ ”
LEV 21:16 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 21:17 “Arooniin akkana jedhi: ‘Dhaloota itti aanu keessatti sanyii kee keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu nyaata Waaqa isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin.
LEV 21:18 Namni hirʼina kam iyyuu qabu tokko iyyuu jechuunis namni jaamaan yookaan naafni, namni bifaa fi dhagna hin tolle,
LEV 21:19 namni miilla yookaan harka cabaa qabu,
LEV 21:20 yookaan namni dugda goophoo yookaan ooluun yookaan namni dhibee ijaa qabu yookaan namni madaa malaʼu qabu, yookaan namni cittoo qabuu fi namni kolaafame hin dhiʼaatin.
LEV 21:21 Sanyii Aroon lubichaa keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. Inni waan hirʼina qabuuf nyaata Waaqa isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin.
LEV 21:22 Innis nyaata Waaqa isaa kan nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼee fi nyaata qulqulluu nyaachuu dandaʼa.
LEV 21:23 Garuu inni sababii hirʼina qabuuf akka iddoo qulqulluu koo hin xureessineef golgaa keessa hin seenin yookaan iddoo aarsaatti hin dhiʼaatin. Ani Waaqayyo isa isaan qulqulleessuu dha.’ ”
LEV 21:24 Museen Aroonitti, ilmaan Aroonittii fi Israaʼeloota hundatti waan kana hime.
LEV 22:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 22:2 “Akka isaan maqaa koo qulqullicha hin xureessineef, akka isaan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni addaan baasanii naa fidan sana akka gaariitti eeganiif Aroonii fi ilmaan isaatti himi. Ani Waaqayyo.
LEV 22:3 “Akkanas Isaaniin jedhi: ‘Dhaloota dhufu keessa yoo sanyii kee keessaa namni tokko illee utuu akka seeraatti hin qulqullaaʼin aarsaa Israaʼeloonni Waaqayyoof addaan baasanitti dhiʼaate namni sun fuula koo duraa haa balleeffamu. Ani Waaqayyo.
LEV 22:4 “ ‘Sanyii Aroon keessaa namni tokko yoo lamxii yookaan dhangalaʼaa saala isaa keessaa baʼu qabaate inni hamma qulqullaaʼutti aarsaa qulqulluu sana hin nyaatin. Akkasumas yoo waan reeffaan xuraaʼe yookaan nama afeetaa saala isaa keessaa dangalaʼu tuqe,
LEV 22:5 yookaan yoo waan lafa irra looʼu kan isa xureessu yookaan nama isa xureessu kam iyyuu tuqe, xuraaʼummaa kam iyyuu taanaan,
LEV 22:6 namni waan akkasii kam iyyuu tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Inni yoo dhagna isaa bishaaniin dhiqate malee aarsaa qulqulluu sana keessaa tokko illee hin nyaatin.
LEV 22:7 Inni yeroo aduun lixxutti ni qulqullaaʼa; ergasii immoo sababii wanni sun nyaata isaa taʼeef aarsaa qulqulluu sana nyaachuu dandaʼa.
LEV 22:8 Inni waan duʼee argame yookaan waan bineensi ciccire nyaachuudhaan of hin xurreessin. Ani Waaqayyo.
LEV 22:9 “ ‘Luboonni akka ajaja koo tuffachuudhaan cubbuu hojjetanii hin duuneef ajaja koo haa eegan. Ani Waaqayyo isaan qulqulleessuu dha.
LEV 22:10 “ ‘Namni maatii lubaa hin taʼin yookaan keessummaan lubaa yookaan namni lubichaaf qaxaramee hojjetu tokko illee aarsaa qulqulluu sana nyaachuu hin dandaʼu.
LEV 22:11 Garuu yoo lubni maallaqaan garbicha bitate, yookaan yoo garbichi mana isaatti dhalate, garbichi sun nyaata lubichaa nyaachuu dandaʼu.
LEV 22:12 Intalli lubaa yoo nama luba hin taʼinitti heerumte, isheen aarsaa qulqulluu sana irraa nyaachuu hin dandeessu.
LEV 22:13 Taʼus intalli lubaa yoo haadha hiyyeessaa taate yookaan dhirsaan wal hiiktee utuu ijoollee hin qabaatin akkuma yeroo ijoollummaa isheetti mana abbaa ishee jiraachuuf deebite, isheen nyaata abbaa ishee irraa nyaachuu ni dandeessi. Ormi garuu nyaachuu hin dandaʼu.
LEV 22:14 “ ‘Namni yoo utuu hin beekin aarsaa qulqulluu tokko nyaate, inni waan sana iddoo buusee gatii waan sanaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee lubichaaf haa kennu.
LEV 22:15 Luboonnis aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan hin xureessin
LEV 22:16 yookaan akka sabni sun aarsaa qulqulluu sana nyaatu eeyyamuufiidhaan yakka gatii baasisu isaanitti hin fidin. Ani Waaqayyo isaan qulqulleessuu dha.’ ”
LEV 22:17 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 22:18 “Aroonitti, ilmaan isaattii fi Israaʼeloota hundatti akkana jedhii himi; ‘Yeroo saba Israaʼel keessaa namni tokko yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu aarsaa gubamu godhee wareega isaa yookaan aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu Waaqayyoof dhiʼeessutti,
LEV 22:19 isin akka wanni sun fudhatama isiniif argatuuf loon, hoolota yookaan reʼoota keessaa korma hirʼina hin qabne tokko dhiʼeessuu qabdu.
LEV 22:20 Sababii inni isinii hin fudhatamneef waan hirʼina qabu kam iyyuu hin dhiʼeessinaa
LEV 22:21 Yeroo namni loon yookaan bushaayee keessaa wareega guuttachuuf aarsaa fedhiidhaan dhiʼeeffamu godhee aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessutti akka wanni sun fudhatama argatuuf wanni sun waan fayyaalessa yookaan waan hirʼina hin qabne haa taʼu.
LEV 22:22 Horii jaamaa yookaan cabaa yookaan dooluu yookaan kormommuu yookaan kan dhangalaʼaan dhagna isaa keessaa baʼu yookaan kan madaa malaʼu qabu Waaqayyoof hin dhiʼeessinaa. Kanneen akkasii keessaa tokko iyyuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gootanii iddoo aarsaa irra hin kaaʼinaa.
LEV 22:23 Taʼus sangaa yookaan hoolaa gar malee dheeraa yookaan gar malee gabaabaa taʼe aarsaa fedhiidhaan dhiʼaatu gootanii dhiʼeessuu ni dandeessu; garuu wanni kun wareega keessan guutuuf fudhatama hin argatu.
LEV 22:24 Horii kolaafame yookaan kan tumame, kan kolaan isaa baqaqfame yookaan irraa murame tokko Waaqayyoof hin dhiʼeessinaa; isin waan akkasii biyya keessan keessatti hin godhinaa;
LEV 22:25 horii akkasii nama ormaa harkaa fuutanii nyaata Waaqa keessanii gootanii hin dhiʼeessinaa. Horiin sun waan kolaafamee hirʼina qabuuf isiniif hin fudhatamu.’ ”
LEV 22:26 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 22:27 “Dibichi yookaan hoolaan yookaan reʼeen yommuu dhalatutti hamma bultii torbaatti haadha isaa wajjin haa turu. Guyyaa saddeettaffaadhaa jalqabee immoo aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼee fudhatama ni argata.
LEV 22:28 Guyyuma tokkotti, saʼa yookaan hoolaa ilmoo isaa wajjin hin qalinaa.
LEV 22:29 “Gaafa aarsaa galataa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka isiniif fudhatamuuf haala kanaan dhiʼeessaa.
LEV 22:30 Aarsaan kunis gaafuma sana nyaatamuu qaba; waan tokko illee hin bulchinaa. Ani Waaqayyo.
LEV 22:31 “Ajajawwan koo eegaa; duukaa buʼaas. Ani Waaqayyo.
LEV 22:32 Maqaa koo qulqullicha hin xureessinaa. Akka ani qulqulluu taʼe Israaʼeloonni haa beeksisan. Ani Waaqayyo kan isin qulqulleessu
LEV 22:33 kanan Waaqa keessan taʼuudhaaf biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Waaqayyo.”
LEV 23:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 23:2 “Akkana jedhiitii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Kunneen ayyaanota koo murtaaʼoo, ayyaanota Waaqayyoo kanneen isin guyyoota wal gaʼii qulqulluu jettanii labsitanii dha.
LEV 23:3 “ ‘Guyyoonni isin hojii itti hojjettan jaʼatu jira; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa, guyyaa wal gaʼii qulqulluu ti. Isin hojii tokko illee hin hojjetinaa; iddoo isin jiraattan kamitti iyyuu kun sanbata Waaqayyoo ti.
LEV 23:4 “ ‘Isaan kunneen ayyaanota Waaqayyoo murteeffamoo, waldaawwan qulqulluu isin yeroo isaaniitti labsitanii dha;
LEV 23:5 Faasiikaan Waaqayyoo galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti jalqabama.
LEV 23:6 Guyyaa kudha shanaffaa jiʼa jalqabaatti Ayyaana Waaqayyoo kan maxinootu jalqabama; isinis guyyaa torba buddeena raacitii hin qabne nyaadhaa.
LEV 23:7 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
LEV 23:8 Bultii torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.’ ”
LEV 23:9 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 23:10 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Yommuu biyya ani isiniif kennutti galtanii oomisha walitti qabdanitti bissii mataa midhaan walitti qabdan sanaa lubatti fidaa.
LEV 23:11 Innis akka bissiin sun fudhatama isiniif argatuuf fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu; lubichis guyyaa Sanbata booddee jirutti haa sochoosu.
LEV 23:12 Guyyaa bissii sana sochooftanitti, xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa;
LEV 23:13 kana wajjinis aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
LEV 23:14 Isin hamma gaafa kennaa kana Waaqayyoof dhiʼeessitanitti buddeena yookaan akaayii yookaan asheetii hin nyaatinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
LEV 23:15 “ ‘Guyyaa Sanbata booddee jiru, gaafa bissii aarsaa sochoofamu fiddanii jalqabaatii torbanoota torba guutuu lakkaaʼaa.
LEV 23:16 Hamma guyyaa Sanbata torbaffaa booddee jiruutti guyyaa shantama lakkaaʼaa; ergasii immoo aarsaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessaa.
LEV 23:17 Iddoo jiraattan hundatti buddeena lama kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lamaa kan raacitiin itti makamee tolfame kennaa hangafa kan sochoofamu godhaatii Waaqayyoof fidaa.
LEV 23:18 Buddeena kana wajjinis xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabnee fi kanneen waggaa tokko tokkoo, dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa lama dhiʼeessaa. Isaanis aarsaa midhaan isaaniitii fi aarsaa dhibaayyuu isaanii wajjin Waaqayyoof aarsaa gubamu taʼu; kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
LEV 23:19 Ergasiis aarsaa cubbuutiif korma reʼee tokko akkasumas xobbaallaa hoolaa lama kanneen waggaa tokko tokkoo aarsaa nagaatiif qalaa.
LEV 23:20 Lubni immoo xobbaallaa hoolaa sana lamaan aarsaa sochoofamu godhee buddeena jalqabaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu. Isaan kunneenis kan Waaqayyoof qulqulleeffamanii dha; qooda lubootaatis.
LEV 23:21 Isin gaafuma sana wal gaʼii qulqulluu labsaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
LEV 23:22 “ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabdanitti hamma qarqaraatti hin haaminaa yookaan qarmii isaa hin funaaninaa; waan kana hiyyeeyyii fi alagootaaf hambisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
LEV 23:23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 23:24 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa.
LEV 23:25 Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’ ”
LEV 23:26 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 23:27 “Guyyaan kurnaffaan jiʼa torbaffaa guyyaa araarri buʼuu dha. Wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; gad ofi deebisaa; Waaqayyoofis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa.
LEV 23:28 Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa.
LEV 23:29 Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.
LEV 23:30 Nama gaafa sana hojii tokko illee hojjetu kam iyyuus ani saba isaa gidduudhaa nan balleessa.
LEV 23:31 Isin hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa. Kunis lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
LEV 23:32 Kun isiniif sanbata boqonnaa ti; isinis gad of deebisuu qabdu. Galgala bultii saglaffaa jiʼa sanaatii jalqabaatii hamma galgala itti aanutti sanbata keessan ayyaaneffadhaa.”
LEV 23:33 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 23:34 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti Ayyaana Dunkaana Qulqulluu Waaqayyootu jalqabama; kunis bultii torba tura.
LEV 23:35 Guyyaan jalqabaa wal gaʼii qulqulluu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
LEV 23:36 Guyyaa torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal gaʼii qulqulluu godhadhaatii aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; kun guyyaa wal gaʼiin qulqulluun itti xumuramuu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
LEV 23:37 “ ‘Kunneen ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo isin aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, qalmaa fi dhibaayyuu guyyaa kamiif iyyuu barbaachisu dhiʼeessuuf wal gaʼiiwwan qulqulluu itti labsitanii dha.
LEV 23:38 Aarsaawwan kunneen kennaawwan isin Sanbata Waaqayyootiif dhiʼeessitanii fi kennaawwan keessan, kennaawwan wareega keessanii fi kennaawwan isin fedhiidhaan kennitan hunda irratti dabaltanii Waaqayyoof fiddanii dha.
LEV 23:39 “ ‘Erga oomisha lafa keessanii walitti qabdanii booddee bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatii jalqabaatii bultii torba Waaqayyoof ayyaana ayyaaneffadhaa; guyyaan jalqabaa sanbata boqonnaa ti; guyyaan saddeettaffaanis akkasuma sanbata boqonnaa ti.
LEV 23:40 Guyyaa jalqabaa ija muka gaarii, damee meexxii, damee muka baala qabuutii fi alaltuu qabadhaatii guyyaa torba fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa.
LEV 23:41 Wagguma waggaan ayyaana Waaqayyoo guyyaa torba ayyaaneffadhaa. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu; jiʼa torbaffaattis isa ayyaaneffadhaa.
LEV 23:42 Bultii torba daasii keessa turaa; dhalataan Israaʼel hundinuu daasii keessa haa turu;
LEV 23:43 ijoolleen keessanis akkasiin akka ani yeroo biyya Gibxiitii Israaʼeloota baasetti daasii keessa isaan turse ni beeku. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
LEV 23:44 Museenis ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo Israaʼelootatti labse.
LEV 24:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 24:2 “Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersaa kan cuunfamee taliila taʼe siif fidaniif ijoollee Israaʼel ajaji.
LEV 24:3 Aroonis ibsaawwan sana golgaa taabota kakuu seeraa kan dunkaana wal gaʼii keessa jiru sanaan alatti fuula Waaqayyoo duratti galgalaa hamma ganamaatti ittuma fufee haa qopheessu. Kunis dhaloota keessaniif seera bara baraa haa taʼu.
LEV 24:4 Ibsaawwan baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetaman irra fuula Waaqayyoo dura jiran sun ittuma fufanii qopheeffamuu qabu.
LEV 24:5 “Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii buddeena kudha lama tolchi; tokkoon tokkoon buddeena sanaas daakuu iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lama lamaan haa tolfamu.
LEV 24:6 Buddeena kanas toora tokko keessa jaʼa jaʼa godhiitii minjaala warqee qulqulluu irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru irra toora lamaan kaaʼi.
LEV 24:7 Akka inni qooda buddeena sanaa kutaa yaadannootii fi aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼuuf tokkoo tokkoo toora sanaa irra ixaana qulqulluu kaaʼi.
LEV 24:8 Buddeenni kunis akka kakuu bara baraa taʼee saba Israaʼel iddoo buʼuuf yeroo hunda Sanbatuma Sanbataan fuula Waaqayyoo dura haa kaaʼamu.
LEV 24:9 Buddeenni kun qooda Arooniitii fi ilmaan isaa ti; isaanis sababii buddeenni kun qooda isaanii kan bara baraa kan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame keessaa kutaa waan hunda caalaa qulqullaaʼe taʼeef iddoo qulqulluutti isa haa nyaatan.”
LEV 24:10 Namichi haati isaa gosa Israaʼelii fi abbaan isaa immoo nama biyya Gibxii taʼe tokko Israaʼeloota gidduu baʼe; lollis qubata keessatti isaa fi Israaʼelicha tokko gidduutti kaʼe.
LEV 24:11 Ilmi dubartii Israaʼel sunis Maqaa Waaqaa arrabse; ni abaares; kanaafuu Museetti isa fidan. Maqaan haadha namicha sanaas Sheloomiit jedhama; isheen immoo intala namicha gosa Daanii kan Dibraayi jedhamuu ti.
LEV 24:12 Isaanis hamma fedhiin Waaqayyoo isaanii ifutti eegumsa jala isa tursan.
LEV 24:13 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe:
LEV 24:14 “Namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasi. Warri isa dhagaʼan hundinuu harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan; waldaan hundi immoo dhagaadhaan isa haa tumu.
LEV 24:15 Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni kam iyyuu yoo Waaqa isaa abaare inni cubbuu hojjeteef itti gaafatama;
LEV 24:16 namni Maqaa Waaqayyoo arrabsu haa ajjeefamu. Waldaan hundi dhagaadhaan isa haa tumu. Alagaas taʼu dhalataan biyyaa yoo Maqaa Waaqaa arrabse haa ajjeefamu.
LEV 24:17 “ ‘Namni nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.
LEV 24:18 Namni horii namaa ajjeese horii sana iddoo haa buusu.
LEV 24:19 Namni tokko yoo ollaa isaa miidhe, wanni inni nama sana godhe isa irrattis haa godhamu;
LEV 24:20 kunis qooda cabaa cabaa, qooda ijaa ija, qooda ilkaanii ilkaan jechuu dha. Innis akkuma nama miidhe sana isa irrattis haa godhamu.
LEV 24:21 Namni horii ajjeese horii sana iddoo haa buusu; namni nama ajjeese garuu haa ajjeefamu.
LEV 24:22 Alagaas taʼu dhalataa biyyaatiif seera tokkicha qabaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
LEV 24:23 Museen waan kana Israaʼelootatti hime; isaanis namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasanii dhagaadhaan tuman; Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje godhan.
LEV 25:1 Waaqayyo Gaara Siinaa irratti Museedhaan akkana jedhe;
LEV 25:2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Yommuu biyya ani isinii kennutti galtan, biyyattiin mataan ishee sanbata Waaqayyoo haa kabajju.
LEV 25:3 Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; waggaa jaʼa immoo wayinii kee irraa qori; ija isaas walitti qabadhu.
LEV 25:4 Waggaa torbaffaatti garuu lafti sanbata boqonnaa haa qabaatu; kunis sanbata Waaqayyoof kabajamuu dha. Lafa qotiisaa kee hin facaafatin yookaan wayinii kee irraa hin qorin.
LEV 25:5 Waan ofiin biqile hin haammatin yookaan wayinii hin qoramin irraa ija walitti hin qabatin. Lafti boqonnaa waggaa tokkoo haa argattu.
LEV 25:6 Wanni lafti waggaa sanbataatti kennitu nyaata kee haa taʼu jechuunis siʼi mataa keetiif, garboota kee dhiiraa fi dubartiidhaaf, warra qaxaramanii hojjetanii fi alagoota yeroodhaaf si wajjin jiraataniif nyaata haa taʼu;
LEV 25:7 akkasumas horii keetii fi bineensa daggalaa kanneen biyya kee keessa jiraataniif nyaata haa taʼu. Wanni lafti baaftu kam iyyuu haa nyaatamu.
LEV 25:8 “ ‘Waggoota sanbataa torba jechuunis waggoota torba yeroo torba lakkaaʼi; waggoonni sanbataa torban waggoota afurtamii sagal taʼu.
LEV 25:9 Guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti immoo guutummaa biyya keessanii keessatti malakata dhageessisi; Guyyaa Araarri Buʼuttis guutummaa biyyaa keessatti malakata dhageessisaa.
LEV 25:10 Waggaa shantamaffaa qulqulleessaatii guutummaa biyyattii keessatti jiraattota hundaaf bilisummaa labsaa. Kunis iyyoobeeliyyuu isinii taʼa; tokkoon tokkoon namaa deebiʼee gara qabeenya isaattii fi gara maatii isaatti haa galu.
LEV 25:11 Waggaan shantamaffaan iyyoobeeliyyuu isiniif haa taʼu; hin facaafatinaa; waan ofiin biqile hin haammatinaa; wayinii hin qoramin irraas ija isaa walitti hin qabatinaa.
LEV 25:12 Kun sababii iyyoobeeliyyuu taʼeef qulqulluu isiniif haa taʼu; waan lafa qotiisaa irraa galfamu nyaadhaa.
LEV 25:13 “ ‘Waggaa Iyyoobeeliyyuu kana keessa tokkoon tokkoon namaa gara qabeenya isaatti haa deebiʼu.
LEV 25:14 “ ‘Yoo nama saba kee taʼetti lafa gurgurte yookaan waan tokko isa irraa bitte, wal hin gowwoomsinaa.
LEV 25:15 Ati waggoota waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee jiran irratti hundooftee nama saba keetii irraa bitadhu. Innis baayʼina waggoota galchaa midhaanii lakkaaʼee sitti haa gurguru.
LEV 25:16 Yoo waggaan baayʼee taʼe gatii isaa dabaliif; yoo waggaan isaa gabaabaa taʼe immoo gatii isaa hirʼisi; sababiin isaa wanni inni sitti gurguru baayʼina midhaanii ti.
LEV 25:17 Wal hin cunqursinaa; garuu Waaqa sodaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 25:18 “ ‘Ajaja koo duukaa buʼaa; seera koo illee eegaa; isinis biyyattii keessa nagaan ni jiraattu.
LEV 25:19 Lafti ija ni kenniti; isinis hamma quuftanitti nyaattu; nagaadhaanis ni jiraattu.
LEV 25:20 Isinis, “Nu yoo facaafachuu yookaan midhaan keenya walitti qabachuu baanne waggaa torbaffaatti maal nyaanna?” jettanii gaafattu taʼa.
LEV 25:21 Akka lafti midhaan waggaa sadiif gaʼu isinii kennituuf ani waggaa jaʼaffaatti eebba koo isiniif nan erga.
LEV 25:22 Yeroo waggaa saddeettaffaatti facaafattanittis waanuma duraan galfattan irraa nyaattu; hamma midhaan waggaa saglaffaa walitti qabattanitti midhaanuma kana nyaattu.
LEV 25:23 “ ‘Lafti sababii kanuma koo taateef bara baraan hin gurguramin; isin anaaf alagaa fi keessummoota.
LEV 25:24 Biyya akka dhaalaatti qabattan guutuu keessatti waan ittiin lafa furtan baasaa.
LEV 25:25 “ ‘Obboleessi kee tokko hiyyoomee lafa isaa yoo gurgure, namni fira isaa kan dhiʼoo taʼe dhufee waan firri isaa gurgure sana haa furuuf.
LEV 25:26 Garuu yoo namichi sun fira lafa isaa furuuf dhabee inni mataan isaa waan ittiin lafa isaa furatu argate,
LEV 25:27 waggoota yeroo inni lafa isaa gurgure sanaa as jiran lakkaaʼee namicha itti gurgure sanaaf maallaqa isaa haa deebisu; innis gara lafa ofiitti haa deebiʼu.
LEV 25:28 Garuu yoo waan namicha sanaaf deebisu dhabee, wanni inni gurgure sun hamma waggaa iyyoobeeliyyuutti harkuma namicha bite sanaa haa turu. Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa ni deebiʼaaf; innis gara qabeenya isaatti ni deebiʼa.
LEV 25:29 “ ‘Namni yoo magaalaa dallaa qabdu keessatti mana jireenyaa gurgurate, gaafa gurguratee jalqabee waggaa tokko keessatti furachuu dandaʼa. Mirgi furachuu isaas hamma waggaa tokkootti tura.
LEV 25:30 Yoo utuu waggaan tokko hin guutin furamuu baate manni magaalaa dallaa qabdu keessatti argamu sun qabeenya namicha biteetii fi kan sanyii isaa taʼee hafa. Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis hin deebiʼu.
LEV 25:31 Manneen gandoota dallaan itti hin ijaaramin keessa jiran garuu waan akka lafa baadiyyaatti hedamaniif furamuu dandaʼu. Bara Iyyoobeeliyyuuttis ni deebifamu.
LEV 25:32 “ ‘Lewwonni garuu manneen isaanii kanneen magaalaawwan isaanii keessatti argaman furachuuf yeroo kam iyyuu mirga qabu.
LEV 25:33 Qabeenyi Lewwotaa furamuu ni dandaʼa; manneen magaalaa isaan qabatan keessatti gurguraman bara Iyyoobeeliyyuutti ni deebifamu; manneen magaalaa Lewwotaa keessatti argaman Israaʼeloota gidduutti qabeenya Lewwotaatii.
LEV 25:34 Lafti dheedaa kan naannoo magaalaa isaaniitti argamu garuu sababii qabeenya isaanii kan bara baraa taʼeef hin gurguramin.
LEV 25:35 “ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee isin gidduutti of gargaaruu dadhabe, akka inni isin gidduu jiraachuu dandaʼuuf akkuma alagaa yookaan keessummaa tokko gargaartutti isa gargaar.
LEV 25:36 Akka namni sun si wajjin jiraachuu dandaʼuuf Waaqa kee sodaadhu malee dhala tokko iyyuu isa irraa hin fudhatin.
LEV 25:37 Maallaqa kee dhalaan hin liqeessiniif yookaan nyaata kee buʼaa itti herregattee hin kenniniif.
LEV 25:38 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Kanaʼaan isiniif kennuu fi Waaqa keessan taʼuuf biyya Gibxii isin baasee dha.
LEV 25:39 “ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee sitti of gurgure akka garbichaatti isa hin hojjechiifatin.
LEV 25:40 Inni akka hojjetaa qaxaramaa yookaan nama yeroodhaaf isin wajjin jiraatuu haa taʼu; inni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti siif haa hojjetu.
LEV 25:41 Ergasii inni ijoollee isaa wajjin gad haa lakkifamu; inni gara maatii isaatii fi qabeenya abbootii isaatti haa deebiʼu.
LEV 25:42 Israaʼeloonni sababii garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baasee fide taʼaniif akka garbootaatti hin gurguramin.
LEV 25:43 Waaqa kee sodaadhu malee gara jabinaan isaan hin bulchin.
LEV 25:44 “ ‘Garboonni kee dhiironnii fi dubartoonni saboota naannoo kee jiraatan gidduudhaa haa dhufan; isin isaan keessaa garboota bitachuu dandeessu.
LEV 25:45 Akkasumas keessummoota isin gidduu jiraatanii fi maatii isaanii warra biyya keessanitti dhalatan keessaa garboota bitachuu dandeessu; isaanis qabeenya keessan haa taʼan.
LEV 25:46 Akka qabeenya dhaalamuutti ijoollee keessanitti dabarsuu dandeessu; bara jireenya isaanii guutuus isaan garboomfachuu dandeessu; Israaʼeloota obboloota keessan taʼan garuu gara jabinaan hin bulchinaa.
LEV 25:47 “ ‘Yoo alagaan yookaan keessummaan si wajjin jiraatu tokko sooromee obboleessi kee immoo hiyyoomee alagaa si wajjin jiraatutti yookaan maatii alagaa sanaatti of gurgure,
LEV 25:48 inni erga of gurguree booddee furamuuf mirga qaba. Firoota isaa keessaas namni tokko isa furuu dandaʼa.
LEV 25:49 Obboleessi abbaa isaa yookaan ilmi obboleessa abbaa isaa yookaan aantee isaa keessaa firri dhiigaa isa furuu dandaʼa. Yookaan inni iyyuu yoo soorome of furuu dandaʼa.
LEV 25:50 Innii fi namichi isa bite sun waggaa inni itti of gurguree jalqabee hamma waggaa Iyyoobeeliyyuutti haa lakkaaʼan. Gatiin furii isaas baayʼina waggoota sanaa irratti hundaaʼa; yeroon inni namicha isa bitate sana bira ture immoo akka nama qacaramee hojjete tokkootti herregama.
LEV 25:51 Yoo akka herrega isaaniitti waggoonni baayʼeen hafan inni gatii ittiin bitame sana keessaa harka baayʼee namicha sanaaf deebisuu qaba.
LEV 25:52 Yoo waggoonni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti hafan muraasa taʼan inni waggoota hafan sana herregatee gatii furama isaa haa kaffalu.
LEV 25:53 Inni akkuma nama waggaa waggaatti qaxaramu tokkootti isa wajjin haa jiraatu; fuula kee durattis inni gara jabinaan isa hin bulchin.
LEV 25:54 “ ‘Yoo inni karaa kanneeniin furamuu baates innii fi ijoolleen isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuutti furamuu qabu;
LEV 25:55 Israaʼeloonni garboota kootii. Isaan garboota koo kanneen ani biyya Gibxii baasee fidee dha. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 26:1 “ ‘Waaqota tolfamoo hin tolfatinaa; fakkii yookaan dhagaa waaqeffannaa hin dhaabbatinaa; fuula isaanii duratti sagaduuf jettaniis biyya keessan keessatti dhagaa soofame hin dhaabinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
LEV 26:2 “ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.
LEV 26:3 “ ‘Yoo isin sirna koo duukaa buutanii ajajawwan koos eegdanii hojii irra oolchitan,
LEV 26:4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniifan kenna; lafti midhaan ishee, mukkeen dirrees ija isaanii ni kennu.
LEV 26:5 Midhaan dhaʼachuun keessan hamma yeroo ija wayinii cirattaniitti itti fufa; ija wayinii cirachuun keessan hamma yeroo facaasaatti ittuma fufa; isinis nyaata keessan hamma quuftanitti nyaattanii lafa keessan irra nagaadhaan jiraattu.
LEV 26:6 “ ‘Ani biyyattii keessa nagaa nan buusa; isin ni raftu; wanni tokko iyyuu isin hin sodaachisu. Biyyattii keessaa bineensota hamoo nan baasa; goraadeenis biyya keessan keessa hin darbu.
LEV 26:7 Isin diinota keessan ni ariitu; isaan immoo goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu.
LEV 26:8 Isin nama shan taatanii nama dhibba tokko ariitu; dhibba tokko taatanii immoo kuma kudhan ariitu; diinonni keessan goraadeedhaan fuula keessan duratti dhumu.
LEV 26:9 “ ‘Ani fuula tolaadhaan gara keessan ilaalee akka isin hortanii baayʼattan nan godha; kakuu isin wajjin qabus nan jabeessa.
LEV 26:10 Isin midhaan bara darbee nyaachaa utuu inni gombisaa keessaa hin dhumin, midhaan haaraadhaaf iddoo qopheessuuf jettanii midhaan bara darbee sana gad baaftu.
LEV 26:11 Iddoo jireenya kootii isin gidduu nan godhadha; lubbuun koos isin hin balfitu.
LEV 26:12 Ani isin gidduu jiraadhee Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu.
LEV 26:13 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan akka isin lammata garboota warra Gibxi hin taaneef biyya Gibxii baasee isin fidee dha; ani hidhaa waanjoo keessanii kutee akka isin mataa ol qabattanii deemtan godheera.
LEV 26:14 “ ‘Garuu yoo na dhagaʼuu diddanii ajajawwan kanneen hunda eeguu baattan,
LEV 26:15 yoo sirna koo tuffattanii seera koo balfitan, yoo ajajawwan kanneen hunda eeguu baattanii kakuu koo cabsitan,
LEV 26:16 ani wantoota kanneen isinittin fida: Isaanis naasuu, dhukkuba nama huqqisu, dhukkuba dhagna nama gubu kan agartuu namaa balleessee jireenya namaa gogsu isinitti nan fida. Isin akkasumaan midhaan facaafattu; diinota keessantu nyaataatii.
LEV 26:17 Akka isin diinota keessaniin moʼamtaniif ani fuula isinittan hammaadha; warri isin jibban isin bulchu; isin utuu eenyu iyyuu isin hin ariʼin ni baqattu.
LEV 26:18 “ ‘Yoo isin wantoota kanneen hunda booddee naa ajajamuu diddan ani cubbuu keessaniif dachaa torba isin adaba.
LEV 26:19 Of tuulummaa humna keessanii nan cabsa; samii keessan akka sibiilaa, lafa keessan immoo akka naasii nan godha.
LEV 26:20 Humni keessan akkasumaan bada; lafti keessan midhaan isaa, mukkeenis ija isaanii hin kennaniitii.
LEV 26:21 “ ‘Yoo isin naan mormitanii na dhagaʼuu diddan, ani akkuma cubbuu keessaniitti dhaʼicha dachaa torba isinitti nan fida.
LEV 26:22 Anis bineensota bosonaa isinittan erga; isaanis ijoollee keessan isin jalaa ni butatu; horii keessan ni barbadeessu; baayʼinni keessan ni xinnaata; daandiiwwan keessanis duwwaa hafu.
LEV 26:23 “ ‘Yoo isin waan kanneeniin deebiʼuu diddanii naan mormuu keessan itti fuftan garuu,
LEV 26:24 ani mataan koo isiniinan morma; sababii cubbuu keessaniitiifis dachaa torba isin nan miidha.
LEV 26:25 Kakuu cabsuu keessaniifis goraadee isinitti fidee haaloo isin nan baafadha. Yommuu isin gara magaalaawwan keessaniitti baqattanitti ani gidduu keessanitti dhaʼicha nan erga; isinis dabarfamtanii harka diinotaatti kennamtu.
LEV 26:26 Yommuu ani madda buddeena keessanii gogsutti, dubartoonni kudhan eelee tokkotti buddeena tolchu, isaanis buddeena sana madaalanii isinii kennu; isin ni nyaattu; garuu hin quuftan.
LEV 26:27 “ ‘Yoo isin waan kanaanis na dhagaʼuu diddanii garuu naan mormuutti fuftan,
LEV 26:28 anis aaree isiniin nan morma; ani mataan koo sababii cubbuu keessaniitiif dachaa torba isiniinan adaba.
LEV 26:29 Isin foon ilmaan keessaniitii fi foon intallan keessanii ni nyaattu.
LEV 26:30 Iddoowwan sagadaa keessan barbadeessee iddoowwan aarsaa ixaanaa keessan nan caccabsa; reeffa keessanis waaqota keessan warra lubbuu hin qabne sana irra nan tuula; isinis nan balfa.
LEV 26:31 Magaalaawwan keessan nan diiga; iddoowwan qulqulluu keessan nan onsa; urgaa keessan gammachiisaas hin urgeeffadhu.
LEV 26:32 Ani akka diinonni keessan kanneen achi jiraatan rifataniif biyyattii nan onsa;
LEV 26:33 ani saboota gidduu isin nan bittinneessa; goraadee koo luqqifadhees isin nan ariʼa. Biyyi keessan ni ona; magaalaawwan keessan immoo ni diigamu.
LEV 26:34 Biyyattiinis yeroo ontee isin biyya diinota keessanii keessa jiraattanitti sanbata isheetti ni gammaddi; laftis boqottee sanbata isheetti gammaddi.
LEV 26:35 Biyyattiin yeroo onte kana hunda boqonnaa sanbatootaa kan yeroo isin ishee irra jiraattanitti hin argatin ni argatti.
LEV 26:36 “ ‘Warra isin keessaa hafan, ani utuma isaan biyya diinota isaanii jiranuu garaa isaaniitti naasuu nan buusa. Sagaleen baala qilleensi raasuu isaan ariʼa; utuma namni isaan ariʼu tokko illee hin jiraatin isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti fiigu; ni kukkufus.
LEV 26:37 Namni isaan ariʼu jiraachuu baatu illee isaan akkuma waan goraadee jalaa baqataniitti wal gufachiisu. Isin fuula diinota keessanii dura dhaabachuu hin dandeessan.
LEV 26:38 Isin saboota ormaa gidduutti dhumtu; lafti diinota keessaniis isin liqimsiti.
LEV 26:39 Warri isin keessaa hafan immoo sababii cubbuu isaaniitiif lafa diinota isaanii keessatti badu; sababii cubbuu abbootii isaaniitiinis ni badu.
LEV 26:40 “ ‘Garuu yoo isaan cubbuu isaaniitii fi cubbuu abbootii isaanii jechuunis gantummaa fi daba isaan natti hojjetan
LEV 26:41 kan akka ani isaaniin mormuu fi akka ani biyya diinota isaaniitti isaan ergu himatan, yoo garaan isaanii kan dhagna hin qabatin sun gad of deebisee isaan gatii cubbuu isaaniitiif malu baasan,
LEV 26:42 ani kakuu koo kanan Yaaqoob wajjin gale, kakuu koo kanan Yisihaaq wajjin gale, kakuu koo kanan Abrahaam wajjin gale sana nan yaadadha; biyyattiis nan yaadadha.
LEV 26:43 Lafti isaan malee hafti; yeroo isaan malee haftuttis sanbatoota isheetti ni gammaddi. Isaan sababii seera koo tuffatanii ajaja koos balfaniif gatii cubbuu isaanii ni baasu.
LEV 26:44 Taʼus utuu isaan biyya diinota isaanii keessa jiranuu ani kakuu koo kanan isaan wajjin gale sana cabsee guutumaan guutuutti isaan balleessuuf jedhee isaan hin tuffadhu yookaan isaan hin balfu. Ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti.
LEV 26:45 Garuu ani isaaniif jedhee kakuu ani abbootii isaanii warra ani Waaqa isaanii taʼuuf utuu saboonni arganuu biyya Gibxiitii baasee fide sana wajjin gale nan yaadadha. Ani Waaqayyo.’ ”
LEV 26:46 Kunneen labsiiwwan, seerawwanii fi qajeelcha Waaqayyo Gaara Siinaa irratti harka Museetiin ofii isaatii fi Israaʼeloota gidduutti baasee dha.
LEV 27:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
LEV 27:2 “Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Namni yoo gatii wal madaalu kennuudhaan Waaqayyoof nama kennuuf wareega addaa godhe,
LEV 27:3 dhiira umuriin isaa waggaa digdamaa hamma jaatamaa taʼeef, akka safartuu saqilii iddoo qulqulluutti herregni isaa meetii saqilii shantama haa taʼu.
LEV 27:4 Yoo dubartii taate immoo herregni ishee meetii saqilii soddoma haa taʼu.
LEV 27:5 Yoo nama umuriin isaa waggaa shanii fi digdama gidduu taʼe, herregni dhiiraa meetii saqilii digdamatti, kan dubartii immoo meetii saqilii kudhanitti haa herregamu.
LEV 27:6 Nama umuriin isaa jiʼa tokkoo hamma waggaa shanii taʼe immoo herregni isaa, dhiiraaf meetii saqilii shan, durbaaf immoo meetii saqilii sadii haa taʼu.
LEV 27:7 Namni umuriin isaa waggaa jaatama yookaan sanaa ol taʼe dhiirri meetii saqilii kudha shanitti, dubartiin immoo meetii saqilii kudhanitti haa herregamu.
LEV 27:8 Namni wareega wareegu hiyyoomee gatii murtaaʼe sana yoo baasuu dadhabe, Museen nama sana lubatti haa fidu; lubni immoo akkuma dandeettii namicha wareega wareege sanaatti gatii isaa haa herreguuf.
LEV 27:9 “ ‘Wanni namichi sun wareege horii fuula Waaqayyoo duratti aarsaa fudhatama qabu yoo taʼe horiin Waaqayyoof kenname kan akkasii hundi ni qulqullaaʼa.
LEV 27:10 Namichis horii sana geeddaruu yookaan horii gaarii horii jibbamaan yookaan horii jibbamaa horii gaarii iddoo hin buusin; yoo inni horii tokko horii biraa iddoo buuse horiin lamaanuu qulqulluu taʼu.
LEV 27:11 Yoo horiin inni wareege sun akka seeraatti xuraaʼaa jechuunis kan Waaqayyoof aarsaa taʼee dhiʼaachuu hin dandeenye taʼe namichi sun horii sana gara lubatti haa fidu;
LEV 27:12 lubichis akka horiin sun gaarii yookaan jibbamaa taʼe haa madaalu. Gatiin lubni madaale akkasuma haa taʼu.
LEV 27:13 Namichi sun yoo horii sana furachuu barbaade gatii herregame sanatti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu qaba.
LEV 27:14 “ ‘Yoo namni tokko mana ofii Waaqayyoof qulqulleesse, akka manni sun gaarii yookaan gadhee taʼe lubichi gatii isaa haa herregu. Gatiin lubni madaale akkasuma haa taʼu.
LEV 27:15 Namichi mana isaa Waaqaaf qulqulleesse sun yoo mana ofii furachuu barbaade, gatii herregame sanatti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu qaba; manni sunis deebiʼee kan isaa taʼa.
LEV 27:16 “ ‘Yoo namni lafa dhaalaan argate irraa Waaqayyoof qulqulleesse gatiin lafa sanaa akkuma baayʼina sanyii lafa sanaaf barbaachisuutti jechuunis garbuun safartuun homeerii tokko meetii saqilii shantamatti herregama.
LEV 27:17 Yoo inni lafa qotiisaa isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa qulqulleesse gatiin duraan hedame sun hin geeddaramu.
LEV 27:18 Garuu yoo inni waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee lafa qotiisaa isaa qulqulleesse lubichi akkuma baayʼina waggoota hamma waggaa Iyyoobeeliyyuu itti aanuutti jiraniitti herrega; gatiin shallagame gad buʼa.
LEV 27:19 Yoo namichi lafa qotiisaa isaa Waaqaaf addaan baasu sun lafa qotiisaa isaa furachuu barbaade, inni gatii hedametti harka shan keessaa harka tokko haa dabalu; lafti qotiisaa sunis deebiʼee kan isaa taʼa.
LEV 27:20 Taʼus yoo inni lafa qotiisaa sana furachuu baate, yookaan dabarsee nama biraatti gurgure, lafti qotiisaa sun deebiʼee furamuu hin dandaʼu.
LEV 27:21 Lafti qotiisaa sun yommuu Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa gad dhiifamutti akkuma lafa qotiisaa Waaqayyoof kennameetti addaan baafama; kunis qabeenya lubootaa taʼa.
LEV 27:22 “ ‘Yoo namni tokko lafa qotiisaa dhaalaan hin argatin kan ofii isaatii bitate Waaqayyoof qulqulleesse,
LEV 27:23 lubni gatii lafa qotiisaa sanaa hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti herrega; namichis gatii herregame sana gaafuma sana kan Waaqayyoof qulqulleeffame godhee haa baasu.
LEV 27:24 Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis lafti qotiisaa sun namichuma irraa bitame kan abbaa lafa qotiisaa sanaa tureef ni deebiʼa.
LEV 27:25 Gatiin hundinuu akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti jechuunis geeraan digdamni saqilii tokkootti herregama.
LEV 27:26 “ ‘Taʼus namni tokko iyyuu horii hangafa qulqulleessuu hin dandaʼu; hangafti duraanuu Waaqayyoof qulqulleeffameeraatii; sangaas taʼu hoolaan hangafni kan Waaqayyoo ti.
LEV 27:27 Yoo horiin sun xuraaʼaa taʼe inni gatii herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee deebisee bitachuu dandaʼa. Yoo inni furachuu baate immoo horiin sun gatii isaaf herregametti gurgurama.
LEV 27:28 “ ‘Garuu wanni namni qabu kan inni Waaqayyoof qulqulleessu tokko illee jechuunis namas taʼu horiin yookaan lafti dhaalaan argame hin gurguramu yookaan hin furamu. Wanni akkasiin qulqulleeffame hundinuu akka malee Waaqayyoof qulqulluudhaatii.
LEV 27:29 “ ‘Namni akka ajjeefamuuf murteeffame tokko illee hin furamu; inni ajjeefamuu qaba.
LEV 27:30 “ ‘Wanni lafti baaftu kam iyyuu sanyiis taʼu ija mukaa harka kudhan keessaa harki tokko kan Waaqayyoo ti; kun waan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha.
LEV 27:31 Namni yoo kennaa isaa kan harka kudhan keessaa harka tokko taʼe sana furachuu barbaade inni gatii kennaa sanaaf herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa baasu.
LEV 27:32 Kennaan karra loonii fi bushaayee guutuu keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼe jechuunis horiin ulee tiksee jala baʼee darbu hunda keessaa harka kudhan keessaa harki tokko Waaqayyoof qulqullaaʼa.
LEV 27:33 Inni horii jibbamaa keessaa horii gaarii hin filatin yookaan iddoo hin buusin; yoo inni iddoo buuse horiin lamaanuu qulqulluu taʼu; furamuus hin dandaʼu.’ ”
LEV 27:34 Kunneen ajajawwan Waaqayyo Gaara Siinaa irratti karaa Museetiin Israaʼelootaaf kennee dha.
NUM 1:1 Erga sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼee booddee waggaa lammaffaa keessaa, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti Waaqayyo dunkaana wal gaʼii keessatti, Gammoojjii Siinaa keessatti Museetti dubbate. Innis akkana jedheen;
NUM 1:2 “Waldaa saba Israaʼel hunda lakkaaʼaatii balbala balbalaanii fi maatii maatiidhaan maqaa dhiirotaa tokko tokkoon barreessaa.
NUM 1:3 Namoota Israaʼel keessaa dhiirota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hunda atii fi Aroon kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaa.
NUM 1:4 Tokkoo tokkoo gosaa keessaa namni hangafa maatii ofii isaa taʼe isin gargaaruu qaba.
NUM 1:5 “Maqaan namoota isin gargaaruu qabanii kanneenii dha: “Gosa Ruubeen keessaa Eliizuur ilma Shedeeʼuur;
NUM 1:6 gosa Simiʼoon keessaa Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi;
NUM 1:7 gosa Yihuudaa keessaa Nahishoon ilma Amiinaadaab;
NUM 1:8 gosa Yisaakor keessaa Naatnaaʼel ilma Zuuwaar;
NUM 1:9 gosa Zebuuloon keessaa Eliiyaab ilma Heeloon;
NUM 1:10 ilmaan Yoosef keessaa: gosa Efreem keessaa Eliishaamaa ilma Amiihuud; gosa Minaasee keessaa Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur;
NUM 1:11 gosa Beniyaam keessaa Abiidaan ilma Gaadeyoon,
NUM 1:12 gosa Daan keessaa Ahiiʼezer ilma Amiishadaay;
NUM 1:13 gosa Aasheer keessaa Fagiʼeel ilma Okraan;
NUM 1:14 gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel;
NUM 1:15 gosa Niftaalem keessaa Ahiiraa ilma Eenaan.”
NUM 1:16 Namoonni kunneen warra dura buʼoota gosoota abbootii isaanii taʼanii waldaa sana keessaa filatamanii dha. Isaanis hangafoota balbalawwan Israaʼel turan.
NUM 1:17 Musee fi Aroon namoota maqaan isaanii eerame kanneen fudhatanii,
NUM 1:18 guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti waldaa hunda walitti waaman. Namoonni sunis akkuma balbalaa fi maatii isaaniitti hidda dhaloota isaanii himatan; dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame;
NUM 1:19 innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Gammoojjii Siinaa keessatti saba sana lakkaaʼe.
NUM 1:20 Sanyii Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:21 Baayʼinni gosa Ruubeen nama 46,500 ture.
NUM 1:22 Sanyii Simiʼoon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:23 Baayʼinni gosa Simiʼoon nama 59,300 ture.
NUM 1:24 Sanyii Gaad keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:25 Baayʼinni gosa Gaad nama 45,650 ture.
NUM 1:26 Sanyii Yihuudaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:27 Baayʼinni gosa Yihuudaa nama 74,600 ture.
NUM 1:28 Sanyii Yisaakor keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:29 Baayʼinni gosa Yisaakor nama 54,400 ture.
NUM 1:30 Sanyii Zebuuloon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmeewwan balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:31 Baayʼinni gosa Zebuuloon nama 57,400 ture.
NUM 1:32 Ilmaan Yoosef keessaa: Sanyii Efreem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:33 Baayʼinni gosa Efreem nama 40,500 ture.
NUM 1:34 Sanyii Minaasee keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:35 Baayʼinni gosa Minaasee nama 32,200 ture.
NUM 1:36 Sanyii Beniyaam keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:37 Baayʼinni gosa Beniyaam nama 35,400 ture.
NUM 1:38 Sanyii Daan keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:39 Baayʼinni gosa Daan nama 62,700 ture.
NUM 1:40 Sanyii Aasheer keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:41 Baayʼinni gosa Aasheer nama 41,500 ture.
NUM 1:42 Sanyii Niftaalem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaanitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
NUM 1:43 Baayʼinni gosa Niftaalem nama 53,400 ture.
NUM 1:44 Dhiironni kunneen warra Musee fi Aroon hangafoota Israaʼel kudha lamaaniin lakkaaʼaman turan; hangafoonni kunneenis tokkoon tokkoon isaanii iddoo buʼoota maatii isaanii turan.
NUM 1:45 Israaʼeloonni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen Israaʼel keessatti lolaaf baʼuu dandaʼan hundinuu akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼaman.
NUM 1:46 Walumaa galatti baayʼinni namaa 603,550 ture.
NUM 1:47 Lewwonni garuu akka gosa abbootii isaaniitti warra kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
NUM 1:48 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhee ture:
NUM 1:49 “Ati gosa Lewwii hin lakkaaʼin yookaan lakkoobsa saba Israaʼeloota kaaniitti hin dabalin.
NUM 1:50 Qooda kanaa akka Lewwonni itti gaafatamtoota dunkaana dhuga baʼumsaa, miʼa isaa hundaa fi waan inni qabu hundaa taʼaniif isaan muudi. Isaanis dunkaana qulqulluu fi miʼa isaa hunda haa baatan; dunkaanicha haa tajaajilan; naannoo isaas haa qubatan.
NUM 1:51 Yeroo dunkaanni qulqulluun deemuu qabutti Lewwonni dunkaana sana haa buqqisan; yeroo dunkaanichi dhaabamus Lewwonni haa dhaaban. Namni dunkaanichatti dhiʼaatu biraa haa ajjeefamu.
NUM 1:52 Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa qubata isaa keessaa fi faajjii isaa jalatti kutaa kutaadhaan dunkaana isaanii haa dhaabbatan.
NUM 1:53 Taʼus Lewwonni akka dheekkamsi Waaqayyoo waldaa Israaʼelitti gad hin buuneef dunkaanota isaanii naannoo dunkaana dhuga baʼumsaa haa dhadhaabatan. Lewwonni eegumsa dunkaana dhuga baʼumsaatti itti gaafatamtoota taʼuu qabu.”
NUM 1:54 Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti waan kana hunda hojjetan.
NUM 2:1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
NUM 2:2 “Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa faajjii ofii isaanii jalatti faajjii maatii isaa wajjin dunkaana irraa xinnuma fagaatee naannoo dunkaana wal gaʼii haa qubatu.”
NUM 2:3 Gama baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin: kutaawwan qubata Yihuudaa faajjii isaanii jala haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Yihuudaa Nahishoon ilma Amiinaadaabii ti.
NUM 2:4 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 74,600.
NUM 2:5 Gosti Yisaakor isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Yisaakor Naatnaaʼel ilma Zuuwaar ture.
NUM 2:6 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 54,400.
NUM 2:7 Gosti Zebuuloon kanatti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Zebuuloon Eliiyaab ilma Heeloonii ti.
NUM 2:8 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 57,400.
NUM 2:9 Namoonni qubata Yihuudaatti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 186,400 turan. Isaanis duraan dursanii qajeelu.
NUM 2:10 Gama kibbaatiin: kutaawwan qubata Ruubeen faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Ruubeen Eliizuur ilma Shedeeʼuurii ti.
NUM 2:11 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 46,500.
NUM 2:12 Gosti Simiʼoon isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan gosa Simiʼoon Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayii ti.
NUM 2:13 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 59,300.
NUM 2:14 Gosti Gaad isaanitti haa aanu. Hoogganaan gosa Gaad Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeelii ti.
NUM 2:15 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 45,650.
NUM 2:16 Namoonni qubata Ruubeenitti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 151,450 turan. Isaan kunneenis warra duraatti aananii deemu.
NUM 2:17 Ergasiis dunkaanni wal gaʼiitii fi qubanni Lewwotaa qubatawwan gidduu haa deeman. Isaanis akkuma toora qubata isaaniitti tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii eeggatanii faajjii isaanii jala haa deeman.
NUM 2:18 Gama dhiʼaatiin gareen qubata Efreem faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ilmaan Efreem Eliishaamaa ilma Amiihuudii ti.
NUM 2:19 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 40,500:
NUM 2:20 Gosti Minaasee isaanitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Minaasee Gamaaliʼeel ilma Phedaasuurii ti.
NUM 2:21 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 32,200.
NUM 2:22 Gosti Beniyaam itti haa aanu. Hoogganaan ilmaan Beniyaam Abiidaan ilma Gaadeyoonii ti.
NUM 2:23 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 35,400:
NUM 2:24 Namoonni qubata Efreemitti lakkaaʼaman hundis kutaa kutaa isaaniitti 108,100 turan. Isaan kunneen immoo kutaa sadaffaa taʼanii deeman.
NUM 2:25 Gama kaabaatiin kutaawwan qubata Daan faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan gosa Daan Ahiiʼezer ilma Amiishadaayii ti.
NUM 2:26 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 62,700.
NUM 2:27 Gosti Aasheer isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Aseer Fagiʼeel ilma Okraanii ti.
NUM 2:28 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 41,500:
NUM 2:29 Gosti Niftaalemitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Niftaalem Ahiiraa ilma Eenaanii ti.
NUM 2:30 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 53,400:
NUM 2:31 Namoonni qubata Daaniitti lakkaaʼaman hundis 157,600 turan. Isaanis dhuma irratti faajjii isaanii jalaan haa deeman.
NUM 2:32 Namoonni kunneen saba Israaʼel warra akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼamanii dha. Lakkoobsi warra qubata keessaa kanneen kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaman hundaa 603,550.
NUM 2:33 Lewwonni garuu akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
NUM 2:34 Akkasiin Israaʼeloonni waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjetan; isaanis haaluma kanaan faajjii isaanii jala haa qubatan; haaluma kanaanis tokkoon tokkoon isaanii balbalaa fi maatii isaanii wajjin baʼanii haa deeman.
NUM 3:1 Yeroo Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti Museetti dubbatetti seenaan sanyii Aroonii fi Musee kanaa dha.
NUM 3:2 Maqaan ilmaan Aroon: Naadaab hangafticha, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
NUM 3:3 Kunneen maqaawwan ilmaan Aroon jechuunis luboota muudaman kanneen akka luboota taʼanii tajaajilaniif dibaman sanaa ti.
NUM 3:4 Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo Gammoojjii Siinaa keessatti ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessanitti fuuluma isaa duratti duʼan. Isaan ilmaan tokko illee hin qaban ture. Kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar bara abbaan isaanii Aroon lubbuun jiraatetti luboota taʼanii tajaajilan.
NUM 3:5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 3:6 “Gosa Lewwii fidiitii akka isaan Aroon lubicha gargaaraniif isa dura dhaabi.
NUM 3:7 Isaanis hojii dunkaana qulqulluu hojjechuudhaan waan isa irraa barbaadamuu fi waan waldaa hunda irraa barbaadamu fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa raawwatan.
NUM 3:8 Isaan hojii dunkaana qulqulluu hojjetanii dirqama Israaʼelootaa guutuudhaan miʼa dunkaana wal gaʼii hunda haa eegan.
NUM 3:9 Lewwota sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenni; isaan warra saba Israaʼel keessaa guutumaan guutuutti isatti kennamanii dha.
NUM 3:10 Ati akka isaan luboota taʼanii tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa muudi; namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu garuu ajjeefamuu qaba.”
NUM 3:11 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 3:12 “Kunoo ani Israaʼeloota keessaa qooda dhiira hangafa dubartoota Israaʼel hundaa Lewwota fudhadheera. Lewwonni kan koo ti;
NUM 3:13 hangafti hundinuu kan kootii. Ani yeroo biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeesetti hangafa Israaʼel hunda jechuunis namas taʼu horii ofii kootiif addaan baafadheera. Isaan kan koo taʼan. Ani Waaqayyo.”
NUM 3:14 Waaqayyo Gammoojjii Siinaa keessatti Museedhaan akkana jedhe;
NUM 3:15 “Lewwota maatii isaaniitii fi balbala isaaniitiin lakkaaʼi. Dhiira jiʼa tokkoo yookaan hammasii olii hunda lakkaaʼi.”
NUM 3:16 Museen akkuma dubbiin Waaqayyoo isa ajajetti isaan lakkaaʼe.
NUM 3:17 Kunneen maqaawwan ilmaan Lewwii ti: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
NUM 3:18 Kunneen maqaawwan ilmaan Geershoonii ti: Loobeenii fi Shimeʼii.
NUM 3:19 Balbalawwan Qohaatotaa: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
NUM 3:20 Balbalawwan Meraarotaa: Mahilii fi Muusii.
NUM 3:21 Balbalawwan Liibnii fi Shimeʼii kan Geershoon turan; isaanis balbalawwan Geershoonotaa ti.
NUM 3:22 Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 7,500 ture.
NUM 3:23 Balbalawwan Geershoonotaa karaa lixa biiftuutiin dunkaana qulqulluu dugda duubaan qubatan.
NUM 3:24 Hoogganaan balbalawwan Geershoonotaas Eliyaasaaf ilma Laaʼel ture.
NUM 3:25 Itti gaafatamni Geershoononni dunkaana wal gaʼii keessatti qabanis dunkaana qulqulluu, dunkaanaa fi irra buusaa isaa, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru,
NUM 3:26 golgaawwan oobdii, golgaa balbala dallaa kan dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru, funyoo fi tajaajila akkanaa kennu hunda eeguu ture.
NUM 3:27 Balbalawwan Amraamotaa, Yizihaarotaa, Kebroonotaa fi Uziiʼeelotaa balbalawwan Qohaatii ti; isaanis balbalawwan Qohaatotaa turan.
NUM 3:28 Baayʼinni dhiirota jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundaa 8,600 ture. Qohaatonni iddoo qulqulluu sana eeguutti itti gaafatamtoota turan.
NUM 3:29 Balbalawwan Qohaatotaa karaa kibba dunkaana qulqulluutiin qubatan.
NUM 3:30 Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Qohaatotaas Eliisaafaan ilma Uziiʼeel ture.
NUM 3:31 Isaanis taabota, minjaala, baattuu ibsaa, iddoowwan aarsaa, miʼa iddoo qulqulluu ittiin tajaajilan, golgaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda eeguutti itti gaafatamtoota turan.
NUM 3:32 Hoogganaan Lewwotaa hangafti Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa ture. Innis warra itti gaafatamtoota eegumsa iddoo qulqulluu turan sana irratti dibame.
NUM 3:33 Balbalawwan Mahelootaa fi Muusotaa kan Meraarii turan; isaanis balbalawwan Meraarotaa ti.
NUM 3:34 Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 6,200 ture.
NUM 3:35 Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Meraarotaas Zuriiʼel ilma Abiihaayilii ti; isaanis karaa kaaba dunkaana qulqullummaatiin qubatan.
NUM 3:36 Meraaronnis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubaawwan isaa, miillawwan isaa, miʼa isaa hundaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda,
NUM 3:37 akkasumas utubaawwan oobdii sanatti naannaʼanii jiran, miillawwan isaanii, qofoo dunkaanaa fi funyoowwan isaa eeguuf muudaman.
NUM 3:38 Museen, Aroonii fi ilmaan Aroon dunkaana qulqulluu irraa karaa baʼaa, qixa baʼa biiftuutiin fuula dunkaana wal gaʼii dura qubatan. Isaanis iddoo Israaʼelootaa buʼanii iddoo qulqulluu eeguutti itti gaafatamtoota turan. Namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu haa ajjeefamu.
NUM 3:39 Lewwonni lakkaaʼaman hundi kanneen Musee fi Aroon ajaja Waaqayyootiin akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼan, dhiironni jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundi 22,000 turan.
NUM 3:40 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Dhiirota Israaʼel hangafoota kanneen jiʼa tokkootii fi hammasii olii hunda lakkaaʼii maqaa isaanii barreessi.
NUM 3:41 Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota naa fudhadhu; qooda ilmaan hangafa horii Israaʼelootaa hundaas horii Lewwotaa naa fudhadhu. Ani Waaqayyo.”
NUM 3:42 Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti hangafoota Israaʼel hunda lakkaaʼe.
NUM 3:43 Dhiironni hangafoonni jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen maqaa maqaan barreeffaman hundii 22,273 turan.
NUM 3:44 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 3:45 “Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota fudhadhu; qooda horii Israaʼelootaas horii Lewwotaa fudhadhu. Lewwonni kan koo ti. Ani Waaqayyo.
NUM 3:46 Israaʼeloota hangafoota 273 kanneen baayʼina Lewwotaa caalan furuuf,
NUM 3:47 tokkoo tokkoo isaaniitiif akkuma madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii shan shan fuudhi; saqiliin tokko geeraa digdama.
NUM 3:48 Maallaqa Israaʼeloota dabalaman furuuf fuudhame sanas Aroonii fi ilmaan isaatti kenni.”
NUM 3:49 Museen maallaqa sana Israaʼeloota lakkoobsaan warra Lewwotaan furamaniin ol taʼan sana irraa fuudhe.
NUM 3:50 Innis akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti meetii saqilii 1,365 ulfaattu Israaʼeloota hangafa irraa fuudhe.
NUM 3:51 Museenis akkuma dubbii Waaqayyootti, akkuma Waaqni Musee ajajetti maallaqa furii sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenne.
NUM 4:1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
NUM 4:2 “Lewwota keessaa gosa Qohaatotaa balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi.
NUM 4:3 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi.
NUM 4:4 “Hojiin Qohaatonni wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniin wal qabatee dunkaana wal gaʼii keessatti hojjetan kanaa dha.
NUM 4:5 Yommuu qubanni deemuuf kaʼutti Aroonii fi ilmaan isaa ol galanii golgaa daʼeessu sana gad haa buusan; golgaa sanaanis taabota kakuu seeraatti haa haguugan.
NUM 4:6 Waan kanattis gogaa duugame uffisanii huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraan haa afan. Danqaraawwanis iddoo iddoo isaanii keessa haa galchan.
NUM 4:7 “Isaanis huccuu bifa cuquliisaa tokko minjaala Buddeena Ilaalchaatti uffisanii gabatee, caabii fi waciitii akkasumas okkotee ittiin dhibaayyuu dhiʼeessan isa irra haa kaaʼan; buddeenni yeroo hunda achii hin dhabamne sunis isa irra haa kaaʼamu.
NUM 4:8 Huccuu bildiimaa isaan irra haa diriirsan; gogaa duugame itti haa uwwisan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
NUM 4:9 “Huccuu bifti isaa cuquliisaa fuudhanii baattuu ibsaa kan ibsuuf tolchame ibsaa isaa wajjin, waan ittiin foʼaa ibsaa kutanii fi baattuu daaraa, meeshaawwan zayitii kanneen hojii kanaaf oolan hundas ittiin haa haguugan.
NUM 4:10 Ergasiis waan kanaa fi miʼa isaa hunda gogaa duugameen maranii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan.
NUM 4:11 “Huccuu biftii isaa cuquliisa taʼes iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetametti uffisanii gogaa duugame itti haa haguugan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
NUM 4:12 “Meeshaawwan ittiin iddoo qulqulluu keessa tajaajilan hundas fuudhanii huccuu bifa cuquliisaatiin maranii gogaa duugameen haguuganii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan.
NUM 4:13 “Isaanis iddoo aarsaa irraa daaraa haranii huccuu diimaa dhiilgee itti haa uffisan.
NUM 4:14 Ergasiis miʼa iddoo aarsaa ittiin tajaajilan hunda, baattuu ibiddaa, qabduuwwan foonii, meeshaa ittiin daaraa hammaaranii fi waciitii isa irra haa kaaʼan. Gogaa duugamee isa irraan haa afan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
NUM 4:15 “Erga Aroonii fi ilmaan isaa meeshaawwan qulqulluu sanaa fi miʼa qulqulluu hunda haguuganii fixanii booddee yeroo qubanni sun godaanuuf kaʼutti Qohaatonni miʼa kana baachuudhaaf haa dhufan. Isaan garuu miʼa qulqulluu sana hin tuqin; yoo tuqan ni duʼuutii. Qohaatonni waan dunkaana wal gaʼii keessa jiru hunda haa baatan.
NUM 4:16 “Eleʼaazaar ilmi Aroon lubichaa itti gaafatamaa zayitii ibsaa, ixaana urgaaʼaa, kennaa midhaanii kan yeroo baayʼee dhiʼeeffamuu fi zayitii ittiin dibanii haa taʼu. Inni dunkaana qulqulluu hundaa fi waan isa keessa jiru hundatti, miʼaa fi meeshaawwan isaa qulqulluuttis itti gaafatamaa haa taʼu.”
NUM 4:17 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
NUM 4:18 “Balbalawwan gosa Qohaatii Lewwota keessaa hin balleessinaa.
NUM 4:19 Akka isaan yommuu wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaatanitti, akka lubbuun jiraatan malee hin duuneef waan kana isaaniif godhaa: Aroonii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu seenanii waan tokkoon tokkoon namaa hojjetuu fi baatu haa qoqqoodan.
NUM 4:20 Qohaatonni garuu akka hin duuneef yeroo xinnaaf illee wantoota qulqulluu ilaaluudhaaf ol seenuu hin qaban.”
NUM 4:21 Waaqayyo Museen akkana jedhe;
NUM 4:22 “Geershoonotas maatii maatii isaanii fi balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼi.
NUM 4:23 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu dhufan hunda lakkaaʼi.
NUM 4:24 “Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa hojii hojjechuu fi baʼaa baachuudhaan tajaajilan kanaa dha:
NUM 4:25 Isaan golgaa dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii, uffata isaa fi irra buusaa isaa kan gogaa duugame irraa hojjetame, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii,
NUM 4:26 golgaawwan dallaa dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru sanaa, golgaa balbala isaa, funyoo fi miʼa tajaajila kanaaf fayyadu hunda baatu. Geershoononni waan wantoota kanaan hojjetamuu qabu hunda haa hojjetan.
NUM 4:27 Tajaajilli Geershoonotaa hundi baʼaa baachuus taʼu hojiin biraa ajaja Aroonii fi ilmaan isaa kennaniin haa adeemsifamu. Waan isaan baachuu qaban hundas akkuma itti gaafatama isaaniitti qoqoodaafii.
NUM 4:28 Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa dunkaana wal gaʼiitti kennan kanaa dha. Hojiin isaaniis Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin haa qajeelfamu.
NUM 4:29 “Meraarota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi.
NUM 4:30 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi.
NUM 4:31 Wanni isaan yeroo hojii dunkaana wal gaʼii hojjetanitti godhan kanaa dha: kunis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubootaa fi miillawwan isaanii,
NUM 4:32 utuboota oobdiitti naannaʼanii jiran miillawwan isaanii wajjin, qofoowwan dunkaanaa, funyoowwan, miʼa isaanii hundaa fi wantoota hojii kanaaf fayyadan hunda baachuu dha. Isinis waan tokkoon tokkoon namaa baatu addaan baasaatii ramadaafii.
NUM 4:33 Tajaajilli balbalawwan Meraarotaa qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala dunkaana wal gaʼii keessatti kennan kanaa dha.”
NUM 4:34 Museen, Aroonii fi hooggantoonni waldaas Qohaatota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan.
NUM 4:35 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessaa sana keessa hojjechuuf dhufan hundi
NUM 4:36 balbala balbalaan lakkaaʼamanii 2,750 turan.
NUM 4:37 Kun lakkoobsa balbalawwan Qohaatota warra dunkaana wal gaʼii keessa hojjechaa turanii ti. Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kennameetiin isaan lakkaaʼan.
NUM 4:38 Geershoononni balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman.
NUM 4:39 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjechuuf dhufan hundi
NUM 4:40 balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼamanii 2,630 turan.
NUM 4:41 Balbalawwan Geershoonotaa, warri hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjetan kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyootti lakkaaʼan hundi kanneenii dha.
NUM 4:42 Meraaronnis balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman.
NUM 4:43 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa tajaajiluu dhufan hundi
NUM 4:44 balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼamanii 3,200 turan.
NUM 4:45 Warri balbalawwan Meraarotaa keessaa lakkaaʼaman kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sanaatti lakkaaʼan kanneenii dha.
NUM 4:46 Museen, Aroonii fi hooggantoonni Israaʼel Lewwota hunda balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan.
NUM 4:47 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii tajaajilaa hojjechuu fi dunkaana wal gaʼii baachuu dhufanii
NUM 4:48 lakkaaʼaman hundi 8,580 turan.
NUM 4:49 Isaanis akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kennameetiin tokkoon tokkoon isaanii waan hojjechuu qabanitti ramadaman; wanni isaan baachuu qabanis isaanitti himame. Akkasiin isaan akkuma Waaqayyo Musee ajajetti lakkaaʼaman.
NUM 5:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 5:2 “Nama dhukkuba gogaa kan namatti darbu qabu yookaan nama dhangalaʼaa dhagnaa qabu yookaan nama sababii waan duʼe tokkootiin xuraaʼaa taʼe kam iyyuu akka qubata keessaa baasaniif saba Israaʼel ajaji.
NUM 5:3 Dhiiras dubartiis gad baasaa; akka isaan qubata isaanii iddoo ani gidduu isaanii jiraadhu sana hin xureessineef qubata keessaa isaan baasaa.”
NUM 5:4 Israaʼeloonnis akkanuma godhanii qubata keessaa isaan baasan. Isaanis akkuma Waaqayyo Museetti hime sana godhan.
NUM 5:5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 5:6 “Warra Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yoo dhiirri yookaan dubartiin tokko karaa kamiin iyyuu nama kaanitti balleessa hojjechuudhaan Waaqayyo duratti amanamummaa dhabe, namni sun yakkamaa dha;
NUM 5:7 cubbuu hojjetes himachuu qaba. Yakka isaatiifis guutumaan guutuutti haa kiisu. Kiisii sana irrattis harka shan keessaa harka tokko dabalee namicha miidhame sanaaf haa kennu.
NUM 5:8 Namni yakki isa irratti hojjetame sun yoo fira aantee kan kiisii sana isaaf fuudhu qabaachuu baate garuu kiisiin sun kan Waaqayyoo ti; korbeessa hoolaa ittiin araarri isaaf buufamu wajjin lubaaf haa kennamu.
NUM 5:9 Buusiiwwan qulqulluun Israaʼeloonni lubatti fidan hundi kan isaa ti.
NUM 5:10 Wantoonni qulqulluun kanuma abbootii isaanii ti; wanni isaan lubichaaf kennan garuu kanuma lubichaa ti.’ ”
NUM 5:11 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 5:12 “Akkana jedhiitii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Yoo niitiin nama kamii iyyuu karaa irraa baduudhaan isaaf amanamuu baattee
NUM 5:13 dhiira biraa wajjin ciifte, yoo dhirsi ishees waan kana beekuu baate, yoo xuraaʼummaan ishee akkuma dhokatetti hafe, yoo namni ishee irratti dhugaa baʼu hin argamin, isheen yoo waan kana irratti hin qabamin,
NUM 5:14 yoo dhirsa ishee hafuurri hinaaffaa qabatee inni niitii isaa shakke, yoo isheen xurooftuu taate yookaan yoo inni hinaafee ishee shakkee isheen xurooftuu hin taʼin,
NUM 5:15 inni niitii isaa lubatti haa geessu. Akkasumas inni kennaa daakuu garbuu iifii harka kudhan keessaa harka tokko qooda ishee haa geessu. Kennaan midhaanii kan sababii hinaaffaatiif dhiʼeeffamu kun waan kennaa yaadannoo kan yakka yaadachiisu taʼeef, inni zayitii fi ixaana itti naquu hin qabu.
NUM 5:16 “ ‘Lubichis ishee fidee fuula Waaqayyoo dura ishee haa dhaabu.
NUM 5:17 Ergasii inni bishaan qulqulluu okkotee supheetti haa naqu; lafa dunkaana qulqulluu irraa biyyoo fuudhee bishaan sana keessa haa buusu.
NUM 5:18 Lubichis erga dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee booddee rifeensa mataa ishee hiikee kennaa yaadannoo jechuunis kennaa midhaanii kan hinaaffaaf dhiʼeeffamu sana harka ishee keessa kaaʼa; bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sanas harka ofiitti qabata.
NUM 5:19 Lubichis dubartii sana ni kakachiisa; akkanas jedhaan; “Yoo utuu ati dhirsa qabduu namni biraa si wajjin hin ciisinii fi yoo ati karaa irraa baddee hin xuraaʼin bishaan hadhaaʼaan abaarsa fidu kun si hin miidhin.
NUM 5:20 Garuu ati yoo karaa irraa baddee utuu dhirsa qabduu nama dhirsa kee hin taʼin wajjin ciiftee of xureessitee argamte;”
NUM 5:21 kana irratti lubichi kakaa abaarsaa ishee kakachiisa; akkanas jedhaan; “Waaqayyo gudeeda kee tortorsee garaa kee illee bokoksee saba kee gidduutti kakaa fi abaarsaaf si haa godhu.
NUM 5:22 Akka garaan kee bokokuu fi akka gudeedni kee tortoruuf bishaan abaarsa fidu kun dhagna kee haa seenu.” “ ‘Dubartiin sunis, “Ameen, ameen” haa jettu.
NUM 5:23 “ ‘Lubichis abaarsawwan sana kitaaba maramaa irratti haa barreessu; ergasiis bishaan hadhaaʼaa sanatti irraa haa dhiqu.
NUM 5:24 Innis akka dubartiin sun bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sana dhugdu haa godhu; bishaan abaarsaa fi dhiphina hamaa fidu sunis ishee seena.
NUM 5:25 Lubichis kennaa midhaanii kan hinaaffaa sana ishee harkaa fuudhee fuula Waaqayyoo duratti sochoosee gara iddoo aarsaa fida.
NUM 5:26 Lubni sunis kennaa midhaanii sana irraa konyee tokko kennaa yaadannootiif fuudhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; ergasiis akka dubartiin sun bishaan sana dhugdu haa godhu.
NUM 5:27 Yoo isheen of xureessitee dhirsa isheetiif amanamuu baatte, yommuu isheen bishaan abaarsa fidu sana dhugdutti bishaan sun ishee seenee dhiphina hamaa isheetti fida; garaan ishee ni bokoka; gudeedni ishee ni tortora; isheenis saba ishee biratti abaaramtuu taati.
NUM 5:28 Garuu yoo dubartiin sun of xureessuu baattee fi yoo qulqulluu taate isheen yakka irraa bilisa taati; daʼuus ni dandeessi.
NUM 5:29 “ ‘Yoo dubartiin utuma dhirsa qabduu karaa irraa gortee of xureessite
NUM 5:30 yookaan yoo dhiirri sababii niitii ofii shakkuuf hafuurri hinaaffaa isa qabate, seerri hinaaffaaf kenname kanaa dha. Lubichi dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee seera kana hunda ishee irratti haa raawwatu.
NUM 5:31 Dhirsi sun balleessaa irraa bilisa taʼa; dubartiin sun garuu gatii cubbuu ishee argatti.’ ”
NUM 6:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 6:2 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Dhiirri yookaan dubartiin tokko yoo Waaqayyoof addaan of baasuuf wareega addaa yookaan wareega Naazirummaa wareegan,
NUM 6:3 daadhii wayinii fi dhugaatii nama macheessu irraa of haa eeggatan; namni sun dhangaggaaʼaa daadhii wayinii irraa hojjetame yookaan dhangaggaaʼaa dhugaatii nama macheessuu biraa hin dhugin. Inni cuunfaa gumaa wayinii dhuguu yookaan ija wayinii asheetii yookaan goggogaa isaa nyaachuu hin qabu.
NUM 6:4 Innis bara Naazirummaa isaa hunda keessa waan gumaa wayinii irraa argamu kam iyyuu sanyii isaas taʼu qola isaa nyaachuu hin qabu.
NUM 6:5 “ ‘Bara wareega addaan baafamuu isaa hunda keessa qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin. Hamma yeroon inni itti Waaqayyoof addaan baafame sun xumuramutti inni qulqulluu haa taʼu; akka rifeensi mataa isaa guddatuufis gad haa dhiisu.
NUM 6:6 “ ‘Naazirichi bara Waaqayyoof addaan of baase hunda keessa reeffatti dhiʼaachuu hin qabu.
NUM 6:7 Sababii mallattoon inni ittiin Waaqayyoof addaan baafame mataa isaa irra jiruuf yoo abbaan isaa yookaan haati isaa, obboleessi isaa yookaan obboleettiin isaa duʼan illee isaaniif jedhee akka seeraatti of hin xureessin.
NUM 6:8 Inni bara itti addaan baafame sana hunda keessa kan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha.
NUM 6:9 “ ‘Yoo namni tokko iddoo Naazirichi jirutti akka tasaa duʼee akkasiin rifeensa inni addaan baase sana xureesse, inni guyyaa itti qulqulleeffamutti jechuunis guyyaa torbaffaatti mataa isaa haa haaddatu.
NUM 6:10 Ergasiis inni guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidu.
NUM 6:11 Sababii inni iddoo reeffi jirutti argamuudhaan cubbuu hojjeteef lubichi isa tokko aarsaa cubbuu, isa kaan immoo aarsaa gubamu godhee araara buusuuf haa dhiʼeessuuf. Guyyuma sanas rifeensa mataa isaa addaan haa baasu.
NUM 6:12 Inni yeroo itti addaan baafame keessa ammas Waaqayyoof addaan of haa baasu; xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼes aarsaa yakkaa godhee haa fidu. Garuu sababii inni yeroo addaan baʼiisa isaa keessa xureeffameef guyyoonni darban hin lakkaaʼaman.
NUM 6:13 “ ‘Egaa yeroo addaan baʼumsi isaa xumuramutti seerri Naazirichaa kanaa dha: Inni gara karra dunkaana wal gaʼiitti haa fidamu.
NUM 6:14 Achitti aarsaa isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu; kunis xobbaallaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabnee kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe aarsaa gubamuuf, xobbaallaa hoolaa dhaltuu hirʼina hin qabne kan umuriin ishee waggaa tokko taʼe aarsaa cubbuutiif, korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne aarsaa nagaatiif,
NUM 6:15 kana wajjinis Maxinoo gundoo tokko, Maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa tolfame kan zayitiidhaan sukkuumame, bixxillee zayitiin irra dibame akkasumas kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii haa dhiʼeessu.
NUM 6:16 “ ‘Lubichis fuula Waaqayyoo duratti isaan fidee aarsaa cubbuutii fi aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
NUM 6:17 Innis korbeessa hoolaa sana Maxinoo gundoo irra jiru sana wajjin aarsaa nagaa godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu; akkasumas lubichi kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaa haa dhiʼeessu.
NUM 6:18 “ ‘Ergasii Naazirichi balbala dunkaana wal gaʼii duratti rifeensa addaan baase sana haa haaddatu. Rifeensa sanas fuudhee ibidda aarsaa nagaa jalaan jiru sana keessa haa buusu.
NUM 6:19 “ ‘Erga Naazirichi rifeensa ittiin addaan baafame sana haaddatee booddee lubni sun foon gatiittii korbeessa hoolaa kan affeelamee fi Maxinoo fi bixxillee hin bukaaʼin gundoo sana irraa fuudhee harka namichaa irra haa kaaʼu.
NUM 6:20 Ergasiis lubichi aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa sochoosu; isaanis handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana wajjin lubichaaf kan qulqulleeffamanii dha. Ergasii Naazirichi daadhii wayinii dhuguu ni dandaʼa.
NUM 6:21 “ ‘Seerri Naaziricha waan kennuu dandaʼu kaan dabalatee akkuma addaan baʼumsa isaatti kennaa isaa Waaqayyoof wareegu tokkoo kanaa dha. Innis akkuma seera Naazirichaatti waan wareege sana raawwachuu qaba.’ ”
NUM 6:22 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 6:23 “Aroonii fi ilmaan isaatti akkana jedhii himi; ‘Akki isin itti Israaʼeloota eebbiftan kanaa dha. Akkana jedhaanii:
NUM 6:24 “ ‘ “Waaqayyo si haa eebbisu; si haa eegus;
NUM 6:25 Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu; garaa siif haa laafu.
NUM 6:26 Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu; nagaas siif haa kennu.” ’
NUM 6:27 “Akkasitti isaan maqaa koo saba Israaʼel irra kaaʼu; anis isaan nan eebbisa.”
NUM 7:1 Museen erga dunkaana qulqulluu sana dhaabee fixatee booddee, dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda dibe; ni qulqulleesses. Akkasumas iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda dibee qulqulleesse.
NUM 7:2 Ergasii hooggantoonni Israaʼel, hangafoonni maatiiwwanii kanneen hooggantoota gosootaa taʼanii warra lakkaaʼaman sana qajeelchanis kennaa dhiʼeessan.
NUM 7:3 Isaanis gaariiwwan haguugaman jaʼaa fi sangoota kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo hooggantootaa irraa sangaa tokko, lama lama taʼanii immoo gaarii tokko kennaa ofii godhanii fuula Waaqayyoo duratti fidan. Kennaawwan kanneenis dunkaana qulqulluu sana duratti dhiʼeessan.
NUM 7:4 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 7:5 “Akka isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu keessatti fayyadaniif kennaawwan kanneen isaan harkaa fuudhi. Waan kana akkuma hojiin tokkoo tokkoo namaa barbaaddutti Lewwotatti kenni.”
NUM 7:6 Museenis gaariiwwanii fi sangoota sana fuudhee Lewwotatti kenne.
NUM 7:7 Innis akkuma hojii isaaniitiif malutti gaariiwwan lamaa fi sangoota afur ilmaan Geershoonitti kenne;
NUM 7:8 gaariiwwan afurii fi sangoota saddeet akkuma hojii isaaniitiif malutti ilmaan Meraaritti kenne. Isaan hundinuu qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala turan.
NUM 7:9 Ilmaan Qohaati garuu sababii miʼa qulqulluu gatiittiitti baachuun hojii isaanii taʼeef Museen homaa isaaniitti hin kennine.
NUM 7:10 Yeroo iddoon aarsaa dibametti hooggantoonni kennaawwan isaanii eebba iddoo aarsaatiif fidanii iddoo aarsaa duratti dhiʼeessan.
NUM 7:11 Waaqayyo Museedhaan, “Dura buʼaan tokko guyyuma tokko kennaa isaa sirna eebba iddoo aarsaa sanaatiif haa dhiʼeessu” jedhee tureetii.
NUM 7:12 Namni guyyaa jalqabaatti kennaa ofii fide Nahishoon ilma Amiinaadaab kan gosa Yihuudaa ture.
NUM 7:13 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokkoo fi waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu kan tokkoon tokkoon isaanii akka kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:14 cilfaa warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
NUM 7:15 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:16 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:17 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe ture.
NUM 7:18 Guyyaa lammaffaattis Naatnaaʼel ilma Zuuwaar dura buʼaa Yisaakoritu kennaa isaa fide.
NUM 7:19 Kennaan inni fides gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:20 caabii warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
NUM 7:21 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:22 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:23 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:24 Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Heeloon hangafa ijoollee Zebuuloonitu kennaa isaa fide.
NUM 7:25 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:26 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
NUM 7:27 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:28 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:29 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:30 Guyyaa afuraffaatti Eliizuur ilma Shedeeʼuur dura buʼaa ijoollee Ruubeenitu kennaa isaa fide.
NUM 7:31 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoo tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:32 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
NUM 7:33 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:34 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:35 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:36 Guyyaa shanaffaatti Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi hoogganaa ijoollee Simiʼoonitu kennaa isaa fide.
NUM 7:37 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko, kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:38 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
NUM 7:39 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:40 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:41 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture.
NUM 7:42 Guyyaa jaʼaffaatti Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel dura buʼaa ijoollee Gaaditu kennaa isaa fide.
NUM 7:43 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kana akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
NUM 7:44 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
NUM 7:45 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:46 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:47 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:48 Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihuud dura buʼaa ijoollee Efreemitu kennaa isaa fide.
NUM 7:49 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
NUM 7:50 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
NUM 7:51 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:52 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:53 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture.
NUM 7:54 Guyyaa saddeettaffaatti Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur hoogganaa ijoollee Minaaseetu kennaa isaa fide.
NUM 7:55 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:56 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
NUM 7:57 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe,
NUM 7:58 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:59 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:60 Guyyaa saglaffaatti Abiidaan ilma Gaadeyoon dura buʼaa ijoollee Beniyaamitu kennaa isaa fide.
NUM 7:61 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:62 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
NUM 7:63 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:64 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:65 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:66 Guyyaa kudhannaffaatti Ahiiʼezer ilma Amiishadaay dura buʼaa ijoollee Daanitu kennaa isaa fide.
NUM 7:67 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:68 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
NUM 7:69 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:70 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:71 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi korbeeyyii hoolaa xixinnaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:72 Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagiʼeel ilma Okraan hoogganaa ijoollee Aasheeritu kennaa isaa fide.
NUM 7:73 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daaku bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:74 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
NUM 7:75 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:76 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:77 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:78 Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Eenaan hoogganaa ijoollee Niftaalemitu kennaa isaa fide.
NUM 7:79 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
NUM 7:80 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
NUM 7:81 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
NUM 7:82 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
NUM 7:83 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture.
NUM 7:84 Kennaan hooggantoonni Israaʼel gaafa iddoon aarsaa dibame sana sirna eebbaatiif dhiʼeessan kana ture; isaanis gabatee meetii kudha lama, waciitii meetii kudha lamaa fi xuwwee warqee kudha lama:
NUM 7:85 Tokkoon tokkoon isaanii meetii saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu ture; tokkoon tokkoon waciitii meetii saqilii torbaatama ulfaata ture. Miʼi meetii kun akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti walumaa galatti saqilii kuma lamaa fi dhibbaa afur ulfaata ture.
NUM 7:86 Xuwweewwan warqee kudha lamaan kanneen ixaanaan guutamanis tokkoon tokkoon isaanii akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii kudhan ulfaatu turan. Xuwweewwan warqee walumaa galatti saqilii dhibba tokkoo fi digdama ulfaatu turan.
NUM 7:87 Baayʼinni horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamanii walumaa galatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼe kudha lama ture; kennaan midhaaniis isaan wajjin dhiʼeeffameera. Korbeeyyiin reʼee kudha lama aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamanii turan.
NUM 7:88 Baayʼinni horii aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamanii walumaa galatti sangoota digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, korbeeyyii reʼee jaatamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko ture.
NUM 7:89 Museen yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. Waaqayyo isa wajjin dubbate.
NUM 8:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 8:2 “Aroonitti akkana jedhii dubbadhu; ‘Yeroo ati ibsaawwan torban qabsiiftutti isaan iddoo baattuu ibsaa fuula dura jiru haa ibsan.’ ”
NUM 8:3 Aroonis akkasuma godhe; innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti akka isaan fuula baattuu ibsaa duraan ifa kennaniif ibsaawwan sana qabsiise.
NUM 8:4 Akki itti baattuun ibsaa tolfame akkana: Miilla isaa irraa jalqabee hamma daraaraa isaatti warqee tumame irraa hojjetame. Baattuun ibsaa sun akkuma fakkeenya Waaqayyo Museetti argisiise sanaatti hojjetame.
NUM 8:5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
NUM 8:6 “Saba Israaʼel keessaa Lewwota fuudhii qulqulleessi.
NUM 8:7 Isaan qulqulleessuufis waan kana godhi: bishaan qulqullaaʼummaa isaanitti facaasi; akka isaan dhagna isaanii guutuu haaddatanii akkasiin uffata ofii miiccatanii of qulqulleessan godhi.
NUM 8:8 Isaanis dibicha loonii tokko kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame wajjin haa fuudhan; atis dibicha loonii lammaffaa aarsaa cubbuutiif fuudhi.
NUM 8:9 Lewwota fuula dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼeessiitii waldaa Israaʼelootaa guutuu walitti qabi.
NUM 8:10 Lewwotas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessi; sabni Israaʼel harka isaanii Lewwota irra haa kaaʼan.
NUM 8:11 Aroonis akka Lewwonni Waaqayyo tajaajiluu dandaʼaniif saba Israaʼel keessaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa dhiʼeessu.
NUM 8:12 “Erga Lewwonni harka isaanii mataa jiboota sanaa irra kaaʼanii booddee ati Lewwotaaf araaraa buusuudhaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu, kaan immoo aarsaa gubamu godhiitii Waaqayyoof dhiʼeessi.
NUM 8:13 Akka Lewwonni fuula Aroonii fi fuula ilmaan isaa dura dhaabatan godhi; ergasiis aarsaa sochoofamu godhiitii Waaqayyotti isaan dhiʼeessi.
NUM 8:14 Haala kanaan Israaʼeloota kaan keessaa Lewwota addaan baasi; Lewwonnis kan koo haa taʼan.
NUM 8:15 “Erga ati Lewwota qulqulleessitee aarsaa sochoofamu gootee isaan dhiʼeessitee booddees isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf haa dhufan.
NUM 8:16 Isaan Israaʼeloota keessaa guutumaan guutuutti naaf kennamuu qabu. Ani qooda hangafa saba Israaʼel kan gadameessa saaqu hundaa Lewwota ofii kootiif fudhadheera.
NUM 8:17 Israaʼel keessaa dhiirri hangafni hundi namas taʼu horiin kan koo ti. Ani yeroon biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeese sana ofii kootiifan addaan isaan baafadhe.
NUM 8:18 Ani qooda ilmaan Israaʼel hangafoota hundaa Lewwota fudhadheera.
NUM 8:19 Yommuu Israaʼeloonni iddoo qulqulluutti dhiʼaatanitti akka dhaʼichi isaan hin arganneef, akka isaan Israaʼelootaaf araara buusanii fi akka isaan tajaajila Israaʼelootaa dunkaana wal gaʼii keessatti raawwataniif ani Lewwota saba Israaʼel hunda keessaa Aroonii fi ilmaan isaatiif kennaa godhee kenneera.”
NUM 8:20 Museen, Aroonii fi waldaan Israaʼel guutuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
NUM 8:21 Lewwonnis of qulqulleessanii wayyaa ofii miiccatan. Aroonis akkuma aarsaa sochoofamuutti fuula Waaqayyoo duratti isaan dhiʼeesse; isaan qulqulleessuufis araara isaaniif buuse.
NUM 8:22 Ergasii Lewwonni qajeelcha Aroonii fi ilmaan isaatiin hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuudhaaf dhufan. Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
NUM 8:23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 8:24 “Kun seera Lewwotaaf kennamee dha: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamii shanii fi hammasii olii hojii dunkaana wal gaʼii keessatti hirmaachuuf haa dhufan;
NUM 8:25 umurii waggaa shantamaatti garuu tajaajila isaanii haa dhaaban; deebiʼaniis hin tajaajilin.
NUM 8:26 Hojii dunkaana wal gaʼii irratti obboloota ofii gargaaruu ni dandaʼu; ofii isaaniitii garuu hojii sana hin hojjetin. Egaa kun haala itti ati itti gaafatama Lewwotaa ramadduu dha.”
NUM 9:1 Waaqayyo erga isaan Gibxii baʼanii booddee jiʼa jalqabaa kan waggaa lammaffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti akkana jedhee Museetti dubbate;
NUM 9:2 “Israaʼeloonni yeroo murtaaʼetti Faasiikaa haa ayyaaneffatan.
NUM 9:3 Isin akkuma seeraa fi dambii ayyaana kanaa hundaatti yeroo murtaaʼetti jiʼa sana keessa, dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti ayyaaneffadhaa.”
NUM 9:4 Museen akka isaan Faasiikaa ayyaaneffatan Israaʼelootatti hime;
NUM 9:5 isaanis jiʼa jalqabaa keessa dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti ayyaaneffatan. Sabni Israaʼel akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda godhe.
NUM 9:6 Isaan keessaa namoonni tokko tokko sababii reeffa tuqanii xuraaʼaniif guyyaa sana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Isaan guyyuma sana gara Musee fi Aroonii dhufanii,
NUM 9:7 Museedhaan akkana jedhan; “Nu sababii reeffa namaa tuqneef xuroofneerra; garuu maaliif yeroo murtaaʼe sanatti Israaʼeloota kaan wajjin aarsaa Waaqayyoo dhiʼeessuu dhowwamne?”
NUM 9:8 Museenis, “Hamma ani waan Waaqayyo waaʼee keessan ajaju dhagaʼutti turaa” jedheen.
NUM 9:9 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
NUM 9:10 “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Isin keessaa yookaan ilmaan keessan keessaa namni tokko yoo reeffa tuqee xuraaʼe yookaan karaa fagoo deeme, inni amma iyyuu Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu ni dandaʼa.
NUM 9:11 Isaanis jiʼa lammaffaa keessa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgala Faasiikaa haa ayyaaneffatan. Faasiikaa sanas Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin haa nyaatan.
NUM 9:12 Isaanis wantoota kanneen keessaa tokko iyyuu hamma ganamaatti hambisuu yookaan lafee isaa keessaa tokko iyyuu cabsuu hin qaban. Isaan yommuu Faasiikaa ayyaaneffatanitti dambiiwwan hunda duukaa buʼuu qabu.
NUM 9:13 Garuu namni qulqulluu taʼee karaa hin deemin yoo Faasiikaa ayyaaneffachuu baate inni sababii yeroo murtaaʼetti aarsaa Waaqayyoo hin dhiʼeessiniif saba isaa keessaa haa balleeffamu. Namichi sun gatii cubbuu isaa ni argata.
NUM 9:14 “ ‘Alagaan isin gidduu jiraatu kan Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu fedhu tokko akkuma seeraa fi dambii Faasiikaatti haa ayyaaneffatu. Isinis alagaa fi dhalataa biyyaatiif seeruma tokkicha qabaadhaa.’ ”
NUM 9:15 Gaafa dunkaanni qulqulluun dhaabame sana duumessi dunkaana sana jechuunis dunkaana dhuga baʼumsaa haguuge. Duumessi dunkaana qulqulluudhaan olii sunis galgalaa hamma ganamaatti ibidda fakkaata ture.
NUM 9:16 Wanni kunis yeroo hunda akkanuma ture; guyyaa duumessi isa haguuga ture; halkan immoo duumessi sun ibidda fakkaata ture.
NUM 9:17 Yeroo duumessi sun dunkaana irraa kaʼu Israaʼeloonni kaʼanii deemu turan; lafa duumessi buʼu immoo Israaʼeloonni ni qubatu.
NUM 9:18 Israaʼeloonni ajaja Waaqayyootiin kaʼanii deemu; ajajuma isaatiinis qubatu. Yeroo duumessi dunkaana qulqulluun ol jiru isaanis qubata keessa turan.
NUM 9:19 Yoo duumessi sun guyyaa hedduu dunkaana gubbaa tures Israaʼeloonni seera Waaqayyootiif waan ajajamaniif iddoo sanaa kaʼanii hin deeman ture.
NUM 9:20 Yeroo tokko tokko duumessi sun guyyaa xinnaadhaaf dunkaana qulqulluu gubbaa oolee bula ture; isaanis ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma isaatiinis kaʼanii deemu.
NUM 9:21 Yeroo tokko tokko duumessi sun galgalaa hamma ganamaatti jiraata ture; yommuu duumessi ganamaan kaʼu isaanis kaʼanii deemu. Guyyaas taʼu halkan, yeroo duumessi kaʼu isaanis kaʼanii deemu.
NUM 9:22 Yeroo duumessi sun guyyaa lamas taʼu jiʼa tokko yookaan waggaa tokko dunkaana qulqulluu irra turutti Israaʼeloonni qubatuma keessa turu malee kaʼanii hin deeman ture; yeroo duumessichi kaʼutti garuu kaʼanii deemu.
NUM 9:23 Isaan ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma Waaqayyootiinis kaʼanii deemu. Akkuma ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenne sanaattis seera isaatiif ajajamu.
NUM 10:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
NUM 10:2 “Meetii tumame irraa malakata lama tolfadhuutii hawaasa walitti waamuu fi akka qubanni kaʼee deemu gochuuf itti fayyadami.
NUM 10:3 Yeroo malakanni lamaan afuufamanitti hawaasni hundi balbala dunkaana wal gaʼiitti fuula kee duratti walitti haa qabamu.
NUM 10:4 Yoo malakanni tokko qofti afuufame garuu hooggantoonni jechuunis abbootiin gosoota Israaʼel fuula kee duratti walitti haa qabaman.
NUM 10:5 Yeroo malakanni afuufamutti gosoonni gama baʼa biiftuutiin qubatan kaʼanii haa deeman.
NUM 10:6 Yeroo malakanni siʼa lammaffaa afuufamutti immoo gosoonni gama kibbaatiin qubatan kaʼanii haa deeman. Malakanni afuufamu sun mallattoo isaan ittiin qubata keessaa baʼanii dha.
NUM 10:7 Hawaasa walitti qabuudhaaf malakata afuufi; garuu mallattoo wal fakkaatuun hin afuufin.
NUM 10:8 “Ilmaan Aroon luboonni malakatawwan sana haa afuufan. Kunis isinii fi dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
NUM 10:9 Isin yommuu biyya keessan keessatti diina isin cunqursu tokkotti duuluuf baatanitti malakatawwan sana afuufaa. Yoos Waaqayyo Waaqni keessan isin yaadatee diina keessan jalaa isin baasa.
NUM 10:10 Akkasumas guyyaa gammachuu keessanii jechuunis gaafa ayyaana beekamaa fi Ayyaana Baatii Haaraatti aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa irratti malakatawwan afuufaa; wanni kunis fuula Waaqa keessanii duratti yaadannoo isiniif taʼa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
NUM 10:11 Jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaa keessa guyyaa digdammaffaatti duumessi sun dunkaana dhuga Baʼumsaa irraa kaʼe.
NUM 10:12 Israaʼeloonnis Gammoojjii Siinaatii kaʼanii hamma duumessi sun Gammoojjii Phaaraanii keessa qubatutti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti deeman.
NUM 10:13 Isaan yeroo jalqabaa kanatti ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenneen kaʼanii deeman.
NUM 10:14 Kutaan qubata ijoollee Yihuudaa faajjii isaanii jalaan jalqabatti deeman. Nahishoon ilmi Amiinaadaab ajajaa isaanii ture.
NUM 10:15 Naatnaaʼel ilmi Zuuwaar ajajaa kutaa gosa Yisaakor ture;
NUM 10:16 Eliiyaab ilmi Heeloon ajajaa kutaa gosa Zebuuloon ture.
NUM 10:17 Dunkaanni qulqulluun sunis achii buqqifame; akkasiin Geershoononnii fi Meraaronni warri dunkaana baatan kaʼanii deeman.
NUM 10:18 Kutaan qubata Ruubeenis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliizuur ilmi Shedeeʼuur ajajaa isaanii ture.
NUM 10:19 Shilumiiʼeel ilmi Zuriishadaayi ajajaa kutaa gosa Simiʼoon ture;
NUM 10:20 Eliyaasaaf ilmi Deʼuuʼeel ajajaa kutaa gosa Gaad ture.
NUM 10:21 Ergasii Qohaatonni miʼa qulqulluu baatanii kaʼanii deeman. Dunkaanni qulqulluun sun immoo utuu isaan achi hin gaʼin dhaabamee ture.
NUM 10:22 Kutaan qubata Efreemis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliishaamaan ilmi Amiihuud ajajaa isaanii ture.
NUM 10:23 Gamaaliʼeel ilmi Phedaasuur ajajaa kutaa gosa Minaasee ture;
NUM 10:24 Abiidaan ilmi Gaadeyoon ajajaa kutaa gosa Beniyaam ture.
NUM 10:25 Dhuma irratti kutaan qubata Daan eegduu karaa duubaa kan kutaawwan hundaa taʼanii faajjii isaanii jalaan kaʼanii deeman. Ahiiʼezer ilmi Amiishadaay ajajaa isaanii ture.
NUM 10:26 Fagiʼeel ilmi Okraan ajajaa kutaa gosa Aasheer ture;
NUM 10:27 Ahiiraan ilmi Eenaan ajajaa kutaa gosa Niftaalem ture.
NUM 10:28 Egaa kutaawwan saba Israaʼel yommuu kaʼanii deemanitti tartiiba kanaan sochoʼan.
NUM 10:29 Ergasii Museen Hoobaab ilma Reʼuuʼeel, namicha Midiyaan abbaa niitii Musee sanaan akkana jedhe; “Nu biyya Waaqayyo, ‘Ani isinii kenna’ nuun jedhe sana dhaquuf deemaa jirra. Nu waan gaarii siif goonaatii kottuu nu wajjin deemi; Waaqayyo waan gaarii Israaʼelootaaf kakateeraatii.”
NUM 10:30 Inni immoo, “Lakki ani hin deemuu; ani biyyuma kootti gara saba kootti nan deebiʼa” jedhee deebise.
NUM 10:31 Museen garuu akkana jedheen; “Maaloo nu dhiistee hin deemin. Ati gammoojjii keessatti iddoo nu qubannu ni beekta; ijas nuu taʼuu dandeessa.
NUM 10:32 Yoo ati nu wajjin deemte nu waan gaarii Waaqayyo nuu kennu si wajjin qoodanna.”
NUM 10:33 Isaan tulluu Waaqayyoo irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu Waaqayyoos iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme.
NUM 10:34 Duumessi Waaqayyoo sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture.
NUM 10:35 Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Museen akkana jedha ture; “Yaa Waaqayyo, kaʼi! Diinonni kee haa bittinneeffaman; warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan.”
NUM 10:36 Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture; “Yaa Waaqayyo, gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi.”
NUM 11:1 Sabni sun utuma Waaqayyo isa dhagaʼuu waaʼee rakkina isaa guungume; innis yommuu waan kana dhagaʼetti ni aare. Kana irratti ibiddi Waaqayyoo isaan gidduutti bobaʼee qarqara qubata isaanii gube.
NUM 11:2 Sabni Museetti iyye; Museen immoo Waaqayyoon kadhatee ibiddi sun dhaame.
NUM 11:3 Sababii ibiddi Waaqayyo biraa gad buʼee gidduu isaaniitti bobaʼeef, iddoon sun “Tabeeraa” jedhamee waamame.
NUM 11:4 Sabni wal makaan isaan wajjin tures nyaata biraa dharraʼe; Israaʼeloonni ammas akkana jedhanii booʼuu jalqaban; “Nu utuu foon nyaannu argannee!
NUM 11:5 Nu biyya Gibxi keessatti qurxummii toluma nyaanne; akkasumas dabaaqula, habaabii, goodarree, qullubbii diimaa fi qullubbii adii nyaanne sana ni yaadanna.
NUM 11:6 Amma garuu fedhiin nyaataa nurraa badeera; mannaa kana malees waan tokko illee hin arginu!”
NUM 11:7 Mannaan sun akka sanyii dinbilaalaa taʼee bifti isaa haphee fakkaata ture.
NUM 11:8 Namoonnis mannaa sana nanaannaʼanii walitti qabanii dhagaa daakuutti daakachaa yookaan mooyyeetti tumachaa turan. Isaanis mannaa sana okkoteetti affeelu yookaan maxinoo isaa tolfatu turan. Innis akka waan zayitii ejersaatiin qopheeffameetti miʼaawa ture.
NUM 11:9 Galgala yommuu fixeensi qubata irra buʼetti mannaan sunis gad buʼe.
NUM 11:10 Museen utuu namoonni maatii hundaa balbala dunkaana ofii isaa duratti booʼanuu dhagaʼe. Waaqayyos akka malee aare; Museen immoo ni dhiphate.
NUM 11:11 Innis akkana jedhee Waaqayyoon gaafate; “Ati maaliif dhiphina kana garbicha keetti fidde? Ati kan baʼaa saba kanaa hunda narra keesse ani maal balleessee si gaddisiiseeti?
NUM 11:12 Saba kana hunda anatu ulfaaʼee? Anatu isaan daʼee? Ati maaliif akka ani akkuma guddiftuun daaʼima baattutti gara biyya ati abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galteetti irree kootti baadhee isaan geessuudhaaf na ajajja?
NUM 11:13 Ani saba kana hundaaf foon eessaan argadha? Isaan, ‘Foon nyaannu nuu kenni!’ jedhanii natti booʼu.
NUM 11:14 Ani kophaa koo saba kana hunda baachuu hin dandaʼu; baʼaan kun akka malee natti ulfaata.
NUM 11:15 Ati yoo akkana na goota taʼe, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, maaloo ammuma na ajjeesi; akka ani gidiraa natti dhufu argus na hin godhin.”
NUM 11:16 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Maanguddoota Israaʼel keessaa nama torbaatama kanneen hooggantootaa fi qondaaltota sabaa taʼuu isaanii beektu naa fidi. Akka isaan gara dunkaana wal gaʼii dhufanii si wajjin achi dhadhaabatan godhi.
NUM 11:17 Ani gad buʼee achitti si wajjin nan dubbadha; Hafuura sirra jiru irraas fuudhee isaan irra nan kaaʼa; isaanis akka ati kophaa kee baʼaa sana hin baanneef baʼaa saba sanaa si wajjin baatu.
NUM 11:18 “Saba kanaan akkana jedhi: ‘Isin bori foon nyaattuutii of qulqulleessaa qophaaʼaa. Waaqayyo yeroo isin, “Nu utuu foonuma nyaannu argannee! Yeroo nu biyya Gibxi keessa jirru nuu wayya ture!” jettanii boossan dhagaʼeeraatii. Waaqayyo amma foon isinii kenna; isinis ni nyaattu.
NUM 11:19 Isin hamma guyyaa tokkoo, yookaan lamaa, yookaan shanii, kudhanii, yookaan digdamaa qofa hin nyaattan;
NUM 11:20 garuu jiʼa tokko guutuu hamma funyaaniin isin baʼutti, hamma nuffitanittis nyaattu; isin Waaqayyo gidduu keessan jiru sana diddanii, “Nu maaliif biyya Gibxi keessaa baane?” jettanii fuula isaa duratti boossanii turtaniitii.’ ”
NUM 11:21 Museen garuu akkana jedhe; “Kunoo ani namoota lafoo kuma dhibba jaʼa gidduun jira; ati immoo, ‘Ani foon isaan jiʼa guutuu nyaatan kennaaf!’ jetta.
NUM 11:22 Utuma bushaayee fi karri loonii isaaniif qalamanii iyyuu gaʼaa laata? Utuma qurxummiin galaana keessaa hundi isaanii qabamee iyyuu gaʼaa laata?”
NUM 11:23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Harki Waaqayyoo gabaabaadhaa? Ati akka wanni ani siin jedhu siif guutamuu fi akka siif hin guutamne amma ni argita.”
NUM 11:24 Museen dhaqee waan Waaqayyo jedhe sana sabatti hime. Innis saba sana keessaa maanguddoota torbaatama walitti qabee akka isaan naannoo dunkaanaa dhadhaabatan godhe.
NUM 11:25 Ergasiis Waaqayyo duumessaan gad buʼee isatti dubbate; Hafuura isa irra jirus fuudhee maanguddoota torbaatamman sana irra buuse. Isaanis yeroo Hafuurri sun isaan irra boqotetti raajii dubbatan; ergasii immoo deebiʼanii raajii sana hin dubbanne.
NUM 11:26 Taʼu illee namoonni lama kanneen maqaan isaanii Eldaadii fi Meedaad jedhaman qubata keessatti hafanii turan. Isaanis maanguddoota sana keessatti galmeeffamanii turan malee gad baʼanii gara dunkaanaa hin dhaqne ture. Hafuurri immoo isaan irra illee buʼe; isaanis qubata keessatti raajii dubbatan.
NUM 11:27 Dargaggeessi tokko fiigee dhaqee, “Eldaadii fi Meedaad raajii dubbachuutti jiru” jedhee Museetti hime.
NUM 11:28 Iyyaasuun ilmi Nuuni kan ijoollummaa ofiitii jalqabee gargaartuu Musee ture sun kaʼee, “Yaa Musee, yaa gooftaa ko, isaan dhowwi!” jedhee dubbate.
NUM 11:29 Museen garuu akkana jedhee deebise; “Ati anaaf hinaaftaa? Ani utuu sabni Waaqayyoo hundinuu raajota taʼanii Waaqayyos Hafuura isaa isaan irra kaaʼee nan hawwa!”
NUM 11:30 Ergasiis Musee fi maanguddoonni Israaʼel gara qubataatti deebiʼan.
NUM 11:31 Bubbeen tokkos Waaqayyo biraa baʼee galaana keessaa dimbiriqqee gara qubataatti oofe. Bubbeen sunis dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaatti gama hundaan hamma deemsa guyyaa tokkoo fagaatu harcaasee hamma dhundhuma lamaa oli tuule.
NUM 11:32 Guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu, guyyaa itti aanu guutuus sabni sun gad baʼee dimbiriqqee sana walitti qabate; isaan keessaas namni homeerii kudhanii gad walitti qabate hin turre. Ergasii dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaa afatan.
NUM 11:33 Garuu utuma foon sun amma illee gidduu ilkaan isaanii jiruu, utuu hin alanfatin Waaqayyo isaanitti aaree dhaʼicha hamaadhaan isaan dhaʼe.
NUM 11:34 Sababii isaan namoota nyaata biraa dharraʼan achitti awwaalaniif maqaan iddoo sanaa, “Qiibrooti Haataaʼabaa” jedhame.
NUM 11:35 Sabni sunis Qiibrooti Haataaʼabaadhaa kaʼee gara Haxerooti dhaqee achi jiraate.
NUM 12:1 Miiriyaamii fi Aroon sababii Museen dubartii Itoophiyaa fuudheef isaan mormuudhaan dubbachuu jalqaban; inni dubartii Itoophiyaa fuudhee tureetii.
NUM 12:2 Isaanis, “Waaqayyo karaa Musee qofaan dubbatee? Inni karaa keenyaanis dubbatee ture mitii?” jedhan. Waaqayyos dubbii kana dhagaʼe.
NUM 12:3 Museen namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.
NUM 12:4 Waaqayyos yommusuma Museen, Aroonii fi Miiriyaamiin, “Isin sadanuu gara dunkaana wal gaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Isaan sadanuus gad baʼan.
NUM 12:5 Ergasii Waaqayyo utubaa duumessaa keessaan gad buʼee balbala dunkaanaa irra dhaabatee Aroonii fi Miiriyaamin waame. Jarri lachuu isatti dhiʼaannaan,
NUM 12:6 inni akkana jedheen; “Dubbii koo dhagaʼaa: “Yoo raajiin Waaqayyoo gidduu keessan jiraate, ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa; abjuudhaanis isatti nan dubbadha.
NUM 12:7 Garuu garbichi koo Museen akkana miti; inni mana koo hunda keessatti amanamaa dha.
NUM 12:8 Ani utuu dhoksaadhaan hin taʼin, ifaan ifatti isatti nan dubbadha; inni bifa Waaqayyoo ni arga. Yoos isin maaliif garbicha koo Museedhaan mormuudhaan dubbachuu hin sodaanne ree?”
NUM 12:9 Aariin Waaqayyos isaan irratti bobaʼe; innis isaan dhiisee deeme.
NUM 12:10 Yommuu duumessi sun dunkaana gubbaadhaa ol kaʼetti kunoo, Miiriyaam lamxooftee akkuma cabbii addaattee turte. Aroonis gara isheetti garagalee akka isheen lamxii qabdu arge;
NUM 12:11 innis Museedhaan akkana jedhe; “Maaloo yaa gooftaa ko, cubbuu nu gowwummaadhaan hojjenne sana nutti hin lakkaaʼin.
NUM 12:12 Akka gatata foon isaa gariin nyaatamee gadameessa haadha isaa keessaa baʼu tokkoo ishee hin godhin.”
NUM 12:13 Museen Waaqayyotti booʼee, “Yaa Waaqayyo, maaloo ishee fayyisi!” jedhe.
NUM 12:14 Waaqayyo akkana jedhee Museedhaaf deebii kenne; “Utuu abbaan ishee fuula isheetti tufee silaa isheen bultii torba salphina keessa turti mitii ree? Isheen bultii torba qubataan ala haa turtu; ergasii deebitee dhufuu dandeessi.”
NUM 12:15 Miiriyaam bultii torba qubataan ala turte; sabni sunis hamma isheen deebitutti deemsa itti hin fufne.
NUM 12:16 Ergasii sabni sun Haxerootii kaʼee Gammoojjii Phaaraan keessa qubate.
NUM 13:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 13:2 “Akka isaan dhaqanii biyya Kanaʼaan ishee ani Israaʼelootaaf kennuuf jiru sana basaasaniif namoota ergi. Tokkoo tokkoo abbootii gosaa keessaa hoogganaa tokko ergi.”
NUM 13:3 Museen ajaja Waaqayyootiin Gammoojjii Phaaraan keessaa isaan erge. Hundi isaanii hooggantoota Israaʼelootaa turan.
NUM 13:4 Maqaan isaanii kanneenii dha: Gosa Ruubeen keessaa Shamuuʼaa ilma Zakuur;
NUM 13:5 gosa Simiʼoon keessaa Shaafaaxi ilma Hoorii;
NUM 13:6 gosa Yihuudaa keessaa Kaaleb ilma Yefunee;
NUM 13:7 gosa Yisaakor keessaa Yigiʼaal ilma Yoosef;
NUM 13:8 gosa Efreem keessaa Hoosheeʼaa ilma Nuuni;
NUM 13:9 gosa Beniyaam keessaa Phaaltii ilma Raaphuu;
NUM 13:10 gosa Zebuuloon keessaa Gadiiʼeel ilma Soodii;
NUM 13:11 gosa Minaasee jechuunis gosa Yoosef keessaa Gadii ilma Suus;
NUM 13:12 gosa Daan keessaa Amiiʼeel ilma Gemaal;
NUM 13:13 gosa Aasheer keessaa Sexuur ilma Miikaaʼel;
NUM 13:14 gosa Niftaalem keessaa Naahibii ilma Wofsii;
NUM 13:15 gosa Gaad keessaa Geʼuuʼeel ilma Maakii ti.
NUM 13:16 Egaa maqaawwan kunneen maqaawwan namoota akka isaan biyya sana basaasaniif jedhee Museen ergee dha. Museenis Hoosheeʼaa ilma Nuuni sana, “Iyyaasuu” jedhee moggaase.
NUM 13:17 Museen yommuu akka isaan biyya Kanaʼaanii basaasaniif isaan ergetti akkana jedheen; “Karaa Negeeb darbaatii gara biyya gaaraatti ol baʼaa.
NUM 13:18 Biyyi sun maal akka fakkaattu, namoonni achi jiraatanis jajjaboo yookaan dadhaboo, muraasa yookaan hedduu taʼuu isaanii ilaalaa.
NUM 13:19 Isaan biyya akkamii keessa jiraatu? Gaarii yookaan gadhee? Magaalaawwan akkamii keessa jiraatu? Dallaa dhagaa hin qaban moo daʼoo jabaa qabu?
NUM 13:20 Lafti isaa gabbataa dha moo gabbataa miti? Muka qaba moo hin qabu. Jabaadhaatii ija biyyattii keessaa muraasa fidaa.” Waqtiin sun yeroo iji wayinii kan jalqabaa itti bilchaatu ture.
NUM 13:21 Isaan ol baʼanii Gammoojjii Siin irraa jalqabanii hamma Rehoobitti gara Leeboo Hamaatitti biyyattii basaasan.
NUM 13:22 Isaanis karaa Negeeb ol baʼanii gara Kebroon lafa Ahiiman, Sheeshaayii fi Talmaayi ilmaan Anaaq sun jiraataniitti dhufan. Kebroon kunis utuu Zooʼaan isheen biyya Gibxi sun hin ijaaramin waggaa torbaan dura ijaaramte.
NUM 13:23 Isaanis yommuu Sulula Eshkool gaʼanitti hurbuu ija wayinii tokko kutan. Wayinii sanas roomaanii fi harbuu wajjin nama lama taʼanii danqaraadhaan baatan.
NUM 13:24 Iddoon sun sababii hurbuu ija wayinii kan warri Israaʼel kutan sanaatiif Sulula Eshkool jedhame.
NUM 13:25 Jarris dhuma bultii afurtamaatti biyya sana basaasanii deebiʼan.
NUM 13:26 Isaanis gara Qaadesh ishee Gammoojjii Phaaraan keessaa gara Musee fi Aroon, gara waldaa Israaʼel guutuu deebiʼanii dhufan. Achittis gabaasa isaaniif dhiʼeessan; ija biyyattiis isaan argisiisan.
NUM 13:27 Isaanis akkana jedhanii Museetti himan: “Nu gara biyya ati itti nu ergite sanaa dhaqneerra; biyyattiin aannanii fi damma baafti! Iji ishees kunoo kana.
NUM 13:28 Garuu namoonni achi jiraatan jajjaboo dha; magaalaawwan ishee dallaa jabaa qabu; gurguddaa dhas. Nu sanyii Anaaq iyyuu achitti argineerra.
NUM 13:29 Amaaleqoonni Negeeb keessa jiraatu; Heetonni, Yebuusonnii fi Amooronni biyya gaaraa keessa jiraatu; Kanaʼaanonni immoo galaana biraa fi qarqara Yordaanos jiraatu.”
NUM 13:30 Kaalebis fuula Musee duratti saba calʼisiisee, “Nu dafnee ol baanee biyyattii haa dhaallu; moʼachuu ni dandeenyaatii” jedhe.
NUM 13:31 Namoonni isa wajjin ol baʼanii turan garuu, “Nu warra sana dhaʼuu hin dandeenyu; isaan nurra jajjaboo dha” jedhan.
NUM 13:32 Isaanis waaʼee biyya basaasan sanaa saba Israaʼel gidduutti oduu gadhee tamsaasan. Akkanas jedhan; “Biyyi nu basaasne sun biyya warra ishee keessa jiraatu iyyuu nyaattuu dha. Namoonni nu achitti argine hundinuu dhedheeroo dha.
NUM 13:33 Achitti Nefiiliimota argine; ilmaan Anaaq Nefiiliimota irraa dhufan. Nu ofuma keenyatti iyyuu korophisa fakkaanne; fuula isaanii durattis akkasuma taane.”
NUM 14:1 Halkan sana namoonni waldaa sanaa hundinuu sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan.
NUM 14:2 Israaʼeloonni hundinuu Musee fi Aroonitti guunguman; waldaan guutuunis akkana isaaniin jedhe; “Nu utuu biyyuma Gibxitti dhumnee jiraannee! Yookaan utuu gammoojjii kana keessatti dhumnee jiraannee!
NUM 14:3 Waaqayyo maaliif akka nu goraadeedhaan dhumnuuf jedhee biyya kanatti nu fida? Niitonni keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu. Biyya Gibxitti deebiʼuun nuu hin wayyuu?”
NUM 14:4 Isaanis, “Amma hoogganaa filannee biyya Gibxitti haa deebinu” waliin jedhan.
NUM 14:5 Kana irratti Musee fi Aroon fuula guutummaa yaaʼii Israaʼel kanneen achitti walitti qabamanii duratti addaan lafatti gombifaman.
NUM 14:6 Jarreen biyyattii keessa deemanii basaasan keessaa Iyyaasuun ilmi Nuuniitii fi Kaaleb ilmi Yefunee uffata ofii tarsaasanii,
NUM 14:7 guutummaa yaaʼii Israaʼelootaatiin akkana jedhan; “Biyyi nu keessa deemnee basaasne sun akka malee gaarii dha.
NUM 14:8 Waaqayyo yoo nutti gammade biyya sanatti nu galchee biyyattii aannanii fi damma baaftu sana nuu kenna.
NUM 14:9 Isin garuu Waaqayyotti hin fincilinaa. Waan nu isaan lilliqimsinuuf namoota biyya sanaa hin sodaatinaa. Gaaddisni isaan irraa kaʼeera; Waaqayyo nu wajjin jira. Isaan hin sodaatinaa.”
NUM 14:10 Waldaan guutuun garuu dhagaan isaan tumuudhaaf mariʼate. Ulfinni Waaqayyoos fuula dunkaana wal gaʼii duratti Israaʼeloota hundatti mulʼate.
NUM 14:11 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kun hamma yoomiitti akkana na tuffata? Utuma ani mallattoowwan kanneen hunda gidduu isaaniitti hojjedhuu isaan hamma yoomiitti na amanuu didu?
NUM 14:12 Ani golfaadhaan dhaʼee isaan nan balleessa; siʼi garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa sin godha.”
NUM 14:13 Museen Waaqayyoon akkana jedhe; “Warri Gibxi waaʼee waan kanaa ni dhagaʼu! Ati humna keetiin saba kana gidduu isaaniitii baaftee fiddeertaatii.
NUM 14:14 Isaanis waaʼee waan kanaa saba biyya sana keessa jiraatutti ni odeessu. Yaa Waaqayyo, isaan akka ati saba kana gidduu jirtu dhagaʼaniiru; yaa Waaqayyo isaan akka ati fuuluma isaaniitti mulʼatu, akka duumessi kee isaaniin ol jiruu fi akka ati guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura deemtu dhagaʼanii jiru.
NUM 14:15 Yoo ati saba kana yeruma tokkotti barbadeessite, saboonni oduu waaʼee keetii dhagaʼan,
NUM 14:16 ‘Waaqayyo biyya kakuudhaan waadaa isaaniif gale sanatti saba kana galchuu hin dandeenye; inni kanumaaf gammoojjii keessatti isaan gogorraʼe’ jedhu.
NUM 14:17 “Egaa akkuma ati akkana jettee dubbatte sanatti jabinni Gooftaa haa argisiifamu:
NUM 14:18 ‘Waaqayyo dafee hin aaru; jaalalli isaa immoo guddaa dha; inni cubbuu fi fincila namaaf dhiisa. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee ni adaba.’
NUM 14:19 Akkuma yeroo isaan biyya Gibxii baʼanii jalqabdee hamma ammaatti dhiifama isaaniif goote sana akkuma jaalala kee guddaa sanaatti cubbuu saba kanaa dhiisiif.”
NUM 14:20 Waaqayyo akkana jedhee deebiseef; “Ani akkuma ati kadhatte sana isaaniif dhiiseera.
NUM 14:21 Taʼu illee akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼee fi akkuma ulfinni Waaqayyoo dhugumaan lafa hunda guute sana,
NUM 14:22 namoota ulfina koo arganii, mallattoowwan ani biyya Gibxiitii fi gammoojjii keessatti hojjedhe arganii garuu naa ajajamuu didanii yeroo kudhan na qoran sana keessaa namni tokko iyyuu,
NUM 14:23 tokkoon isaanii biyya ani kakuudhaan abbootii isaaniitiif waadaa gale sana hin argan. Namni na tuffate tokko biyya sana hin argu.
NUM 14:24 Garbicha koo Kaaleb garuu sababii inni hafuura addaa qabuu fi sababii garaa guutuudhaan na duukaa buʼaa jiruuf, ani biyya inni dhaqe sanatti isa galcha; sanyiin isaas biyya sana ni dhaala.
NUM 14:25 Sababii Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni Sululoota keessa jiraataniif, isin bor deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gammoojjiitti qajeelaa.”
NUM 14:26 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
NUM 14:27 “Waldaan hamaan kun hamma yoomiitti natti guunguma? Ani guungummii Israaʼeloota guungumtoota sanaa dhagaʼeera.
NUM 14:28 Akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha; ani jiraataadhaatii, akkuma isin gurra kootti dubbattan sana anis isinitti godha:
NUM 14:29 Reeffi keessan jechuunis reeffi warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi digdamaa olii kanneen lakkoobsa uummataa keessatti lakkaaʼamanii natti guunguman hundaa gammoojjii kana keessatti harcaʼee hafa.
NUM 14:30 Kaaleb ilma Yefuneetii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee tokkoon keessan iyyuu biyya ani keessa isin qubachiisuuf kakadhe sanatti hin galtan.
NUM 14:31 Ani garuu ijoollee keessan warra isin ni boojiʼamu jettan sana itti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku.
NUM 14:32 Isin garuu, reeffi keessan gammoojjuma kana keessatti harcaʼa.
NUM 14:33 Ijoolleen keessan waggaa afurtama gammoojjii kana keessa ni jooru; hamma isin hundi gammoojjii keessatti dhumtanitti isaan sababii amanamummaa dhabuu keessaniitiif achitti rakkatu.
NUM 14:34 Isin akkuma bultii afurtama biyya sana basaastan, akkasuma bultiin tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa afurtama cubbuu keessaniif dhiphattu; yeroo sana isin akka ani isiniin mormu ni beektu.’
NUM 14:35 Ani Waaqayyo waan kana dubbadheen jira; ani dhugumaan waan kana waldaa hamaa naan mormuuf walitti gurmaaʼe kana guutuutti nan fida. Isaan gammoojjii kana keessatti dhumu; asumattis ni duʼu.”
NUM 14:36 Namoonni Museen akka isaan biyyattii basaasaniif erge yommuu achii deebiʼanitti waaʼee biyya sanaa gabaasa hamaa waldaatti gabaasanii akka waldaan Museetti guungumu godhan jechuunis
NUM 14:37 namoonni waaʼee biyyattii gabaasa hamaa gabaasuutti gaafataman sun dhaʼichaan fuula Waaqayyoo duratti dhuman.
NUM 14:38 Namoota biyyattii basaasuu dhaqan keessaa Iyyaasuu ilma Nuunitii fi Kaaleb ilma Yefunee qofatu duʼa oole.
NUM 14:39 Museen waan kana hunda Israaʼelootatti himnaan isaan akka malee booʼan.
NUM 14:40 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan fiixee biyya gaaraatti ol baʼanii, “Nu cubbuu hojjenneerra; nu amma gara lafa Waaqayyo waadaa nuu gale sanaa dhaqna” jedhan.
NUM 14:41 Museen garuu akkana jedhe; “Isin maaliif ajaja Waaqayyoo cabsitu? Wanni kun isiniif hin milkaaʼu!
NUM 14:42 Akka diinota keessaniin hin moʼatamneef ol hin baʼinaa; Waaqayyo isin wajjin hin jiruutii;
NUM 14:43 Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti dhufuutii. Sababii isin Waaqayyo irraa garagaltaniif inni isin wajjin hin jiraatu; goraadeedhaan barbadeeffamtu.”
NUM 14:44 Isaan garuu utuu Musee fi taabonni kakuu Waaqayyoo qubata keessaa gad hin baʼin yaaduma isaaniitiin kaʼanii fiixee biyya gaaraatti ol baʼan.
NUM 14:45 Yommus Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni gaara sana irra jiraatan gad buʼanii isaan dhaʼanii hamma Hormaatti isaan ariʼan.
NUM 15:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 15:2 “Saba Israaʼelitti akkana jedhii dubbadhu: ‘Yommuu biyya ani akka isin keessa jiraattaniif isiniif kennu sana seentanii
NUM 15:3 aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu, loon keessaa yookaan bushaayee keessaa fuutanii aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa fedhii keessanii yookaan aarsaa ayyaana waggaa Waaqayyoof dhiʼeessitu,
NUM 15:4 namni aarsaa dhiʼeessu sun daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka tokko kan zayitii iinii harka afur keessa harka tokkootiin sukkuumame kennaa midhaanii godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
NUM 15:5 Tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa kan aarsaa gubamuuf yookaan qalmaaf dhiʼeeffamu wajjinis daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuudhaaf qopheessi.
NUM 15:6 “ ‘Korbeessa hoolaa tokko wajjinis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka lama kan zayitii iinii harka sadii keessaa harka tokkoon sukkumameen kennaa midhaanii qopheessi.
NUM 15:7 Daadhii wayinii iinii harka sadii keessaa harka tokko dhibaayyuu urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhii dhiʼeessi.
NUM 15:8 “ ‘Ati yommuu dibicha loonii tokko aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa nagaatiif Waaqayyoof qopheessitutti,
NUM 15:9 dibicha sana wajjin kennaa midhaanii fidi; kennaan sunis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka sadii kan zayitii walakkaa iiniitiin sukkuumame haa taʼu.
NUM 15:10 Akkasumas daadhii wayinii iinii walakkaa dhibaayyuu godhii fidi. Wanni kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu taʼa.
NUM 15:11 Tokkoon tokkoon dibicha loonii yookaan korbeessa hoolaa, tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa yookaan korbeessa reʼee xinnaa haaluma kanaan haa qopheeffaman.
NUM 15:12 Akkuma baayʼina waan qopheessitan sanaatti akkuma lakkoobsa isaaniitti, tokkoo tokkoo isaaniitiif akkanuma godhaa.
NUM 15:13 “ ‘Namni dhalataa biyya sanaa taʼe hundinuu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu fidutti wantoota kanneen haaluma kanaan haa hojjetu.
NUM 15:14 Dhaloota dhufu keessattis alagaan yookaan namni gidduu keessan jiraatu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessutti akkuma isin gootan kana haa godhu.
NUM 15:15 Yaaʼiin sun isinii fi alagaa isin gidduu jiraatuuf illee seeruma tokko haa qabaatu; kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Atii fi alagaan sun fuula Waaqayyoo duratti wal qixxee dha.
NUM 15:16 Isiniifis alagaa isin gidduu jiraatuufis seerrii fi dambiin tokkuma haa taʼu.’ ”
NUM 15:17 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
NUM 15:18 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Isin yeroo biyya ani itti isin galchu sana seentanii
NUM 15:19 midhaan ishee nyaattanitti, nyaata sana irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa.
NUM 15:20 Bukoo keessan kan jalqabaa irraa maxinoo tokko kennaa dhiʼeessaa; isas akka aarsaa oobdii irraa fuudhameetti dhiʼeessaa.
NUM 15:21 Dhaloota dhufu hundumaa keessatti bukoo keessan kan jalqabaa irraa Waaqayyoof kennaa kennuu qabdu.
NUM 15:22 “ ‘Yoo isin utuu hin beekin ajajawwan Waaqayyo Museetti kenne kanneen keessaa tokko illee
NUM 15:23 jechuunis yoo isin ajaja Waaqayyoo kan gaafa Waaqayyo ajaja kana kennee jalqabee dhaloota dhufu keessa illee ittuma fufuudhaan karaa Museetiin isin ajaje kam iyyuu cabsitan,
NUM 15:24 yoo wanti kun dogoggoraan utuu waldaan hin beekin hojjetamee jiraate waldaan sun hundi dibicha loonii aarsaa gubamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu ajajame wajjin, aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee haa dhiʼeessan.
NUM 15:25 Lubnis waldaa saba Israaʼel hundaaf araara haa buusu; isaanis waan utuu hin beekin cubbuu hojjetaniif, balleessaa isaaniitiifis waan aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu fi aarsaa cubbuu Waaqayyoof fidaniif dhiifama ni argatu.
NUM 15:26 Sababii sabni hundi balleessaa dogoggoraan hojjetame sana keessatti hirmaateefis waldaan saba Israaʼel hundii fi alagaawwan isaan gidduu jiraatan dhiifama ni argatu.
NUM 15:27 “ ‘Garuu yoo namni tokko qofti utuu hin beekin cubbuu hojjete inni goromtii reʼee kan umuriin ishee waggaa tokkoo aarsaa cubbuutiif haa fidu.
NUM 15:28 Lubni sunis namicha utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; erga araarri isaaf buʼee booddee immoo namichi sun dhiifama ni argata.
NUM 15:29 Dhalataa Israaʼeliifis taʼu yookaan alagaa isin gidduu jiraatuuf, nama utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete hundaaf seerri tokkuma haa taʼu.
NUM 15:30 “ ‘Garuu dhalataa biyyaas taʼu yookaan alagaan, namni beekaa cubbuu hojjetu Waaqayyoon arrabsuu isaa ti; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
NUM 15:31 Namichi sun sababii dubbii Waaqayyoo tuffatee fi sababii ajaja isaa cabseef inni haa balleeffamu; balleessaa isaattis isatu gaafatama.’ ”
NUM 15:32 Yeroo sabni Israaʼel gammoojjii keessa turetti, namni tokko utuu guyyaa Sanbataatiin qoraan walitti qabatuu argame.
NUM 15:33 Warri utuu inni qoraan walitti qabatuu arganis Museetti, Arooniitii fi waldaa guutuutti isa geessan;
NUM 15:34 sababii wanni isa godhan hin beekaminiif hidhanii isa tursan.
NUM 15:35 Waaqayyo Museedhaan, “Namichi duʼuu qaba. Waldaan sun guutuun qubataan alatti dhagaadhaan isa haa tumu” jedhe.
NUM 15:36 Waldaan sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namicha sana qubata keessaa gad baasee dhagaadhaan tumee ajjeese.
NUM 15:37 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 15:38 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Dhaloota dhufu hunda keessa qarqara wayyaa keessanii irratti handaara tolfadhaa; tokkoon tokkoon handaara sanaas foʼaa bifa cuquliisaa haa qabaatu.
NUM 15:39 Isin handaara kana ilaaltanii ajaja Waaqayyoo hunda yaadattu; kunis akka ajaja kana eegdanii hawwii garaa keessaniitii fi hawwii ija keessanii duukaa buʼuudhaan hin sagaagalleef.
NUM 15:40 Yoos isin ajaja koo hunda yaadattanii ni eegdu; Waaqa keessaniifis qulqulloota ni taatu.
NUM 15:41 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan Waaqa isinii taʼuuf jedhee biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’ ”
NUM 16:1 Qooraahi ilmi Yizihaar, ilmi Qohaati, ilmi Lewwii, gosa Ruubeen keessaa immoo ilmaan Eliiyaab, Daataanii fi Abiiraam akkasumas Ooni ilmi Phelet kaʼanii
NUM 16:2 Museedhaan morman. Isaan wajjinis namoota Israaʼel jechuunis hooggantoota waldaa bebeekamoo kanneen miseensa yaaʼii taʼanii muudamanii turan 250 gaʼantu ture.
NUM 16:3 Isaanis Musee fi Arooniin mormuuf jedhanii tokkummaadhaan walitti qabamanii dhufanii akkana isaaniin jedhan; “Isin dubbii baayʼiftaniirtu! Waldaan kun guutummaatti tokkoon tokkoon isaanii iyyuu qulqulluu dha; Waaqayyos isaan wajjin jira. Yoos isin maaliif waldaa Waaqayyoo irratti of tuultu ree?”
NUM 16:4 Museen dubbii kana dhageenyaan addaan lafatti gombifame.
NUM 16:5 Ergasiis Qooraahii fi warra isa duukaa buʼan hundaan akkana jedhe: “Bori ganama Waaqayyo nama kan isaa taʼee fi nama qulqulluu taʼe ni argisiisa; akka namni sun gara isaatti dhiʼaatu illee ni godha. Inni nama filate sana akka inni itti dhiʼaatu godha.
NUM 16:6 Qooraahi, atii fi warri si duukaa buʼan hundi waan kana godhaa: Girgiraawwan fudhadhaatii
NUM 16:7 bori fuula Waaqayyoo duratti ibiddaa fi ixaana itti naqaa. Namni Waaqayyo filatu inni nama qulqulluu taʼa. Isin Lewwonni dubbii baayʼiftaniirtu!”
NUM 16:8 Museenis Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Isin Lewwonni mee dhagaʼaa!
NUM 16:9 Waaqni Israaʼel waldaa Israaʼel kaan keessaa isin filatee akka isin hojii dunkaana qulqulluu Waaqayyoo hojjettanii fi akka isin fuula waldaa dura dhaabatanii isaan tajaajiltaniif jedhee ofitti isin dhiʼeessuun isaa isin hin gaʼuu?
NUM 16:10 Inni siʼii fi Lewwota si wajjin jiran hunda ofitti dhiʼeesseera; isin garuu lubummaa illee fudhachuu barbaaddan.
NUM 16:11 Kanaafuu atii fi miiltonni kee hundinuu walitti qabamtanii Waaqayyoon mormitan. Aroon isin itti guungumtan kun eenyuu dha?”
NUM 16:12 Museenis ergasii ilmaan Eliiyaab Daataanii fi Abiiraam waamsise. Isaan garuu akkana jedhan; “Nu hin dhufnu!
NUM 16:13 Ati gammoojjii keessatti nu fixuuf jettee biyya aannanii fi damma baasu keessaa nu baasuun kee si hin gaʼuu? Amma immoo gooftaa nutti taʼuu feetaa?
NUM 16:14 Kana malee iyyuu ati biyya aannanii fi damma baasutti nu hin galchine yookaan dhaala lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii nuu hin kennine. Ati ija namoota kanaa ni baaftaa? Lakkii, nu hin dhufnu!”
NUM 16:15 Museen akka malee aaree Waaqayyoon, “Aarsaa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokko illee isaan irraa hin fudhanne yookaan isaan keessaa nama tokko illee hin miine” jedhe.
NUM 16:16 Museen Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Atii fi miiltonni kee hundinuu akkasumas ati, isaanii fi Aroon bori fuula Waaqayyoo duratti argamaa.
NUM 16:17 Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ixaana itti naqatee fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu; girgiraawwan kunneenis walumaa galatti 250 taʼu. Akkasumas atii fi Aroon girgiraa keessan dhiʼeessuu qabdu.”
NUM 16:18 Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ibiddaa fi ixaana itti naqatee Musee fi Aroon wajjin balbala dunkaana wal gaʼii dura dhaabate.
NUM 16:19 Yeroo Qooraahi isaaniin mormuuf jedhee duukaa buutota isaa hunda balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabetti, ulfinni Waaqayyoo waldaa guutuutti mulʼate.
NUM 16:20 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
NUM 16:21 “Akka ani yeruma tokkoon isaan fixuuf waldaa kana irraa gargar baʼaa.”
NUM 16:22 Musee fi Aroon garuu addaan lafatti gombifamanii akkana jedhanii iyyan; “Yaa Waaqayyo Waaqa hafuurota sanyii nama hundaa, ati yoo namni tokko yakke waldaa guutuutti dheekkamtaa?”
NUM 16:23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 16:24 “Waldaa kanaan, ‘Dunkaanota Qooraahi, kan Daataaniitii fi Abiiraam irraa fagaadhaa’ jedhi.”
NUM 16:25 Museenis kaʼee gara Daataanii fi Abiiraam dhaqe; maanguddoonni Israaʼelis isa duukaa buʼan.
NUM 16:26 Innis waldaa sanaan, “Dunkaana namoota hamoo kanneenii irraa fagaadhaa! Isin akka sababii cubbuu isaanii hundaan hin barbadeeffamneef waan kan isaanii taʼe kam iyyuu hin tuqinaa” jedhe.
NUM 16:27 Isaan dunkaanota Qooraahi, kan Daataanii fi kan Abiiraamiis irraa fagaatan. Daataanii fi Abiiraamiis gad baʼanii niitota, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin balbala dunkaanota isaanii dura dhadhaabachaa turan.
NUM 16:28 Ergasii Museen akkana jedhe; “Ani wantoota kanneen hunda akkan hojjedhuuf Waaqayyo akka na erge, kunis yaada koo akka hin taʼin isin kanaan ni beektu:
NUM 16:29 Yoo namoonni kunneen duʼuma uumamaan dhufu duʼanii fi wanni nama hundatti dhufu isaanitti dhufe Waaqayyo na hin ergine.
NUM 16:30 Garuu yoo Waaqayyo waan guutummaan guutuutti haaraa taʼe tokko isaanitti fidee lafti afaan bantee waan isaan qaban hunda wajjin isaan liqimsite, yoo isaanis utuma lubbuun jiranuu boolla buʼan, isin akka namoonni kunneen Waaqayyoon tuffatan ni beektan.”
NUM 16:31 Akkuma inni waan kana hunda dubbatee fixateen lafti isaan jalaa baqaqxe;
NUM 16:32 lafti sunis afaan bantee warra mana isaanii, namoota Qooraahi hundaa fi qabeenya isaanii hunda wajjin isaan liqimsite.
NUM 16:33 Isaanis waan qaban hunda wajjin jiraatti boolla buʼan; laftis isaan irratti afaan walitti deebifatte; isaanis akkasiin waldaa keessaa balleeffaman.
NUM 16:34 Isaan iyyinaan Israaʼeloonni naannoo isaanii turan hundinuu, “Lafti kun nuunis ni liqimsiti!” jedhanii iyyaa baqatan.
NUM 16:35 Ibiddi Waaqayyo biraa gad buʼee namoota 250 kanneen aarsaa ixaanaa dhiʼeessaa turan sana fixe.
NUM 16:36 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 16:37 “Akka inni girgiraawwan sana lafa jarri itti gubamanii fuudhee cilee isaanii kan bobaʼu achi fageessee keessaa bittinneessuuf Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatti himi; girgiraawwan sun qulqulluudhaatii.
NUM 16:38 Girgiraawwan kunneenis girgiraawwan namoota lubbuu isaaniitti muruudhaan cubbuu hojjetanii ti. Girgiraawwan sanas iddoo aarsaatti uffisuudhaaf tumii haphisi; isaan fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeeffamanii qulqulluu taʼaniiruutii. Isaanis Israaʼelootaaf mallattoo haa taʼan.”
NUM 16:39 Eleʼaazaar lubichi girgiraawwan naasii kanneen namoonni gubaman sun dhiʼeessan sana iddoo aarsaatti uffisuudhaaf jedhee walitti qabee tume.
NUM 16:40 Kanas akkuma Waaqayyo karaa Museetiin isa ajajetti hojjete. Kunis akka sanyii Aroon malee namni tokko iyyuu ixaana aarsuuf fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaanne, yoo kanaa achii akka inni akkuma Qooraahiitii fi miiltota isaa sanaa taʼu Israaʼeloota yaadataniif.
NUM 16:41 Guyyaa itti aanutti waldaan Israaʼel hundi, “Isin saba Waaqayyoo fixxan” jedhanii Musee fi Aroonitti guunguman.
NUM 16:42 Garuu yeroo waldaan sun Musee fi Arooniin mormuudhaaf walitti qabamee gara dunkaana wal gaʼii ilaaletti, kunoo duumessi dunkaana sana haguuge; ulfinni Waaqayyoos ni mulʼate.
NUM 16:43 Musee fi Aroon gara fuuldura dunkaana wal gaʼii dhaqan;
NUM 16:44 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
NUM 16:45 “Akka ani yommusuma isaan balleessuuf, waldaa kana biraa fagaadhu.” Isaanis addaan lafatti gombifaman.
NUM 16:46 Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Girgiraa kee fudhadhuutii iddoo aarsaa irraa ixaana ibidda wajjin itti naqadhuutii araara isaaniif buusuudhaaf gara waldaatti fiigi. Dheekkamsi Waaqayyo biraa dhufeera; dhaʼichi jalqabeera.”
NUM 16:47 Aroon akkuma Museen jedhe sana fiigee gidduu waldaa seene. Yeroo kanatti dhaʼichi gidduu waldaatti jalqabee ture. Aroon garuu ixaana dhiʼeessee araara isaaniif buuse.
NUM 16:48 Innis warra jiruu fi warra duʼe gidduu ijaajje; dhaʼichi sunis ni dhaabate.
NUM 16:49 Garuu namoota sababii Qooraahiitiif dhuman malee namoota 14,700 gaʼantu dhaʼicha sanaan dhume.
NUM 16:50 Aroon sababii dhaʼichi sun dhaabateef gara balbala dunkaana wal gaʼii gara Museetti deebiʼe.
NUM 17:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 17:2 “Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi.
NUM 17:3 Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Aroon ulee Lewwii irratti barreessi.
NUM 17:4 Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi.
NUM 17:5 Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta.”
NUM 17:6 Museen Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Aroonis uleewwan sana keessa ture.
NUM 17:7 Museenis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula Waaqayyoo dura kaaʼe.
NUM 17:8 Guyyaa itti aanutti Museen dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Aroon kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge.
NUM 17:9 Museen ulee sana hunda fuula Waaqayyoo duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate.
NUM 17:10 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ulee Aroon fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa.”
NUM 17:11 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe.
NUM 17:12 Israaʼeloonni Museedhaan akkana jedhan; “Nu ni duuna! Nu badneerra; nu hundinuu badneerra!
NUM 17:13 Namni dunkaana qulqulluu Waaqayyootti dhiʼaatu kam iyyuu ni duʼa. Nu amma duʼuuf jirraa?”
NUM 18:1 Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati, ilmaan keetii fi maatiin abbaa keetii si wajjin yakka iddoo qulqulluutti hojjetametti ni gaafatamtu. Yakka lubummaatti hojjetame siʼii fi ilmaan kee qofatu itti gaafatama.
NUM 18:2 Akka isaan yeroo atii fi ilmaan kee fuula dunkaana dhuga baʼumsaa duratti tajaajiltanitti sitti dabalamanii si gargaaraniif obboloota kee warra gosa Lewwii, warra gosa abbaa keetii sana fidi.
NUM 18:3 Isaanis ajaja kee dhagaʼuudhaan hojiiwwan dunkaana keessaa hunda haa hojjetan; garuu miʼa iddoo qulqulluutti yookaan iddoo aarsaatti dhiʼaachuu hin qaban. Yoo akkas taʼe isaanis, atis ni duutu.
NUM 18:4 Isaanis dunkaana wal gaʼii eeguudhaaf isinitti dabalamuu qabu; hojii dunkaana sanaa hundas haa hojjetan. Namni biraa iddoo isin jirtanitti dhiʼaachuu hin qabu.
NUM 18:5 “Isin akka dheekkamsi ammas Israaʼeloota irra hin buuneef eegumsa iddoo qulqulluutii fi eegumsa iddoo aarsaatti ni gaafatamtu.
NUM 18:6 Ani mataan koo obboloota keessan Lewwota kennaawwan isinii kennaman godhee saba Israaʼel keessaa filadheera; isaanis akka hojii dunkaana wal gaʼii keessaa hojjetaniif Waaqayyoof kennamanii jiru.
NUM 18:7 Garuu hojii iddoo aarsaatii fi hojii golgaa keessaa hunda siʼii fi ilmaan kee qofatu hojjeta. Ani hojii lubummaa kennaa godhee isiniif nan kenna. Namni biraa kan iddoo qulqulluutti dhiʼaatu haa ajjeefamu.”
NUM 18:8 Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ani mataan koo itti gaafatamaa aarsaawwan naa dhiʼeeffamanii si godheera; ani aarsaawwan qulqulluu Israaʼeloonni naaf dhiʼeessan hunda akka isaan bara baraan qoodaa fi gaʼee keessan taʼaniif siʼii fi ilmaan keetiif kenneera.
NUM 18:9 Kunis aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan kanneen ibiddi hin tuqin keessaa qooda kee taʼa. Kennaawwan isaan aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan godhanii naaf fidan jechuunis aarsaawwan midhaanii yookaan aarsaawwan cubbuu yookaan aarsaawwan yakkaa hunda keessaa qoodni sun kan keetii fi kan ilmaan keetii ti.
NUM 18:10 Isas iddoo iddoo hunda caalaa qulqulluu taʼetti nyaadhu; dhiirri hundi haa nyaatu; innis qulqulluu siif haa taʼu.
NUM 18:11 “Wanni kunis kanuma kee ti; aarsaan sochoofamu kan kennaa saba Israaʼel hunda irraa addaan baafame kanuma kee ti. Anis waan kana siʼii fi ilmaan keetii fi intallan kee kanneen si wajjin jiraataniif qooda bara baraa godhee kenneera. Mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa.
NUM 18:12 “Zayitii ejersaa filatamaa hunda, daadhii wayinii filatamaa hundaa fi waan galfatan keessaa mataa midhaanii kan isaan Waaqayyoof dhiʼeessan siif nan kenna.
NUM 18:13 Mataan midhaanii kan isaan waan biyyattii irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof fidan kan kee haa taʼu; mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa.
NUM 18:14 “Israaʼel keessatti wanni qulqulleeffamee Waaqayyoof kenname hundinuu kee ti.
NUM 18:15 Wanni gadameessa saaqu kam iyyuu namas taʼu horiin Waaqayyoof dhiʼeeffamu hundi kan kee ti. Ati garuu ilma hangafa, horii qulqulluu hin taʼin keessaa immoo korma hangafa furuu qabda.
NUM 18:16 Yeroo umuriin isaanii jiʼa tokko taʼutti akka saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdama ulfaatu sanaatti gatii furii murtaaʼe meetii saqilii shaniin isaan furi.
NUM 18:17 “Garuu sangaa hangafa, hoolaa hangafaa fi reʼee hangafa hin furin; isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi; cooma isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhiitii gubi.
NUM 18:18 Akkuma handaraafni aarsaa sochoofamuutii fi tafni mirgaa kan kee taʼe sana foon isaaniis kan kee taʼa.
NUM 18:19 Ani waan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan irraa addaan baafame hunda siif, ilmaan keetii fi intallan keetiif qooda bara baraa godhee nan kenna. Innis fuula Waaqayyoo duratti siʼii fi sanyii keetiif kakuu soogiddaa kan bara baraa ti.”
NUM 18:20 Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati biyya isaanii keessatti dhaala tokko illee yookaan qooda tokko illee isaan gidduudhaa hin qabaattu; ani saba Israaʼel keessatti qooda keetii fi dhaala kee ti.
NUM 18:21 “Kunoo ani kennaa Israaʼel keessa jiru kudhan keessaa tokko hunda waan isaan tajaajila dunkaana wal gaʼii tajaajilaniif dhaala godhee Lewwotaaf kenneera.
NUM 18:22 Siʼachi Israaʼeloonni akka cubbuu hin baannee fi akka hin duuneef dunkaana wal gaʼiitti hin dhiʼaatin.
NUM 18:23 Kan hojii dunkaana wal gaʼii hojjetuu fi kan itti gaafatama yakka achitti hojjetamuu fudhatu Lewwotuma. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin argatan.
NUM 18:24 Qooda kanaa ani waan Israaʼeloonni kudhan keessaa tokko aarsaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan sana dhaala isaanii godhee Lewwotaaf kenneera. Sababiin ani, ‘Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin qabaatan’ jedhee waaʼee isaanii dubbadheefis kanuma.”
NUM 18:25 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 18:26 “Akkana jedhii Lewwotatti dubbadhu: ‘Yommuu kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan ani dhaala keessan godhee isiniif kenne sana Israaʼeloota irraa fudhatanitti isin kennaa sana harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa Waaqayyoo godhaa dhiʼeessaa.
NUM 18:27 Aarsaan keessanis akkuma midhaan oobdii irraa yookaan akkuma cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfanii keessaa baʼeetti isiniif herregama.
NUM 18:28 Isinis haaluma kanaan kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan Israaʼeloota irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof aarsaa ni dhiʼeessitu; kennaawwan kanneen keessaas waan qooda Waaqayyoo taʼe Aroon lubichaaf kennaa.
NUM 18:29 Waan isinii kenname hunda keessaa kutaa waan hunda caalaa gaarii fi qulqulluu taʼe qooda Waaqayyoo godhaatii dhiʼeessaa.’
NUM 18:30 “Lewwotaan akkana jedhi: ‘Yommuu isin kutaa waan hunda caalaa gaarii taʼe dhiʼeessitanitti kutaan sun akka midhaan oobdii irraa yookaan akka cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfan keessaa baʼeetti isinii herregama.
NUM 18:31 Sababii wanni kun mindaa hojii dunkaana wal gaʼii kan isin hojjettanii taʼeef isinii fi namoonni mana keessan jiraatan waan hafe sana iddoo barbaadan kamitti iyyuu nyaachuu dandeessu.
NUM 18:32 Qooda isaa kan waan hunda caalu sana dhiʼeessuudhaan isin waan kana keessatti yakka hin qabaattan; yoos isin aarsaa Israaʼelootaa qulqulluu sana hin xureessitan; hin duutanis.’ ”
NUM 19:1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
NUM 19:2 “Seerri Waaqayyo ajaje kana: Akka Israaʼeloonni goromsa diimtuu hirʼina yookaan hanqina hin qabne kan takkumaa waanjoon morma ishee hin tuqin tokko siif fidan itti himi.
NUM 19:3 Goromsa sanas Eleʼaazaar lubichatti kennaa; raaddi sunis qubata keessaa gad baafamtee fuula isaa duratti haa qalamtu.
NUM 19:4 Eleʼaazaar lubichi quba isaatiin dhiiga goromsa sanaa irraa xinnoo fuudhee dunkaana wal gaʼii duratti yeroo torba haa facaasu.
NUM 19:5 Utuma inni ilaaluu gogaan, foon, dhiignii fi cumaan goromsa sanaa haa gubamu.
NUM 19:6 Lubni sun qoraan birbirsaa, hiisophii fi kirrii bildiimaa goromsa gubamtu sanatti haa darbatu.
NUM 19:7 Lubni sun ergasii wayyaa ofii isaa miiccatee dhagna ofii isaa illee bishaaniin dhiqachuu qaba. Innis qubatatti galuu dandaʼa; garuu hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa taʼee tura.
NUM 19:8 Namichi goromsa sana gubus wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; innis hamma galgalaatti xuraaʼee tura.
NUM 19:9 “Namni qulqulluun tokko daaraa goromsa sanaa walitti haree qubata keessaa baasee iddoo seeraan qulqulluu taʼe tokko haa kaaʼu. Daaraa kanas waldaan Israaʼel bishaan ittiin qulqulleessan wajjin itti fayyadamuudhaaf ol kaaʼata; innis cubbuu irraa qulqulleeffamuuf fayyada.
NUM 19:10 Namni daaraa goromsa sanaa walitti haru sunis wayyaa ofii isaa miiccachuu qaba; innis akkasuma hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Kunis Israaʼelootaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif seera bara baraa taʼa.
NUM 19:11 “Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqu bultii torba xuraaʼaa taʼa.
NUM 19:12 Inni guyyaa sadaffaa fi guyyaa torbaffaatti bishaaniin of qulqulleessuu qaba; ergasii qulqulluu taʼa. Garuu yoo guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti of qulqulleessuu baate inni hin qulqullaaʼu.
NUM 19:13 Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqee of hin qulqulleessin hundi dunkaana Waaqayyoo qulqullicha sana xureessa. Namni sun saba Israaʼel keessaa ni balleeffama. Sababii bishaan ittiin qulqulleessan isatti hin facaafaminiif inni xuraaʼaa dha; xuraaʼummaan isaas isuma irratti hafa.
NUM 19:14 “Yeroo namni tokko dunkaana keessatti duʼutti seerri kana: Namni dunkaana sana seenu hundii fi namni dunkaana keessa jiru hundi bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa;
NUM 19:15 qodaan afaan banaa kan qadaadni jabeeffamee itti hin qadaadamin hundi xuraaʼaa taʼa.
NUM 19:16 “Namni alatti nama goraadeedhaan ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqu kam iyyuu yookaan namni lafee namaa yookaan awwaala tuqu kam iyyuu bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa.
NUM 19:17 “Nama xuraaʼaaf aarsaa ittiin qulqulleessuuf gubame sana irraa daaraa xinnaa isaa fuudhii okkotee tokkotti naqiitii bishaan yaaʼu itti dhangalaasi.
NUM 19:18 Ergasiis namni akka seeraatti qulqulluu taʼe hiisophii xinnaa isaa fuudhee bishaan sana keessa cuuphee dunkaanaa fi miʼa isaa hundatti, namoota achi turanittis haa faffacaasu. Akkasumas nama lafee namaa yookaan awwaala yookaan nama ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqetti haa faffacaasu.
NUM 19:19 Namichi qulqulluun sun guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti namicha xuraaʼaa sanatti haa faffacaasu; guyyaa torbaffaatti immoo isa qulqulleessuu qaba. Namichi qulqulleefamu sun wayyaa ofii isaa miiccachuu, dhagna ofii isaas bishaaniin dhiqachuu qaba; innis galgala sana qulqulluu taʼa.
NUM 19:20 Garuu namni xuraaʼaan yoo of qulqulleessuu baate, inni sababii iddoo qulqulluu Waaqayyo xureesseef waldaa keessaa ni balleeffama. Bishaan ittiin qulqulleessan sun isatti hin facaafamneetii inni xuraaʼaa dha.
NUM 19:21 Kun isaaniif seera bara baraa ti. “Namichi bishaan ittiin qulqulleessan faffacaasu sun wayyaa ofii isaa haa miiccatu; namni bishaan ittiin qulqulleessan tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
NUM 19:22 Wanni namni xuraaʼaan tokko tuqu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; namni waan sana tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.”
NUM 20:1 Jiʼa jalqabaatti waldaan Israaʼelootaa guutuun Gammoojjii Siin gaʼe; isaanis Qaadesh keessa turan. Miiriyaamis achitti duutee awwaalamte.
NUM 20:2 Waldaan sun bishaan hin qabu ture; kanaafuu waldaan sun Musee fi Arooniin mormuuf walitti qabame.
NUM 20:3 Isaanis akkana jedhanii Musee fi Arooniin lolan; “Maaloo utuu nus gaafuma obboloonni keenya fuula Waaqayyoo duratti duʼan sana duunee jiraannee!
NUM 20:4 Isin maaliif waldaa Waaqayyoo gammoojjii kanatti fiddan? Akka nuu fi horiin keenya asitti dhumnuufii?
NUM 20:5 Maaliif biyya Gibxiitii iddoo hamaa kanatti gad nu baaftan? Iddoon kun midhaan yookaan harbuu yookaan ija wayinii yookaan roomaanii hin qabu. Bishaan dhugaatiis hin jiru!”
NUM 20:6 Musee fi Aroon waldaa biraa gara balbala dunkaana wal gaʼii deemanii addaan lafatti gombifaman; ulfinni Waaqayyoos isaanitti mulʼate.
NUM 20:7 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
NUM 20:8 “Ulee sana fuudhiitii, atii fi obboleessi kee Aroonis waldaa walitti qabaa. Fuuluma isaanii durattis kattaa sanatti dubbadhaa; kattaan sunis bishaan baasa. Atis kattaa sana keessaa waldaadhaaf bishaan baafta; akkasiin isaanii fi horiin isaanii bishaan dhuguu dandaʼu.”
NUM 20:9 Kanaafuu Museen akkuma inni isa ajaje sanatti ulee fuula Waaqayyoo dura jiru sana fuudhe.
NUM 20:10 Musee fi Aroon kattaa sana duratti waldaa walitti qaban; Museenis waldaa sanaan, “Finciltoota nana, mee dhagaʼaa; nu kattaa kana keessaa bishaan isinii baasuu qabnaa?” jedhe.
NUM 20:11 Museen harka ol fudhatee ulee isaa sanaan yeroo lama kattaa sana dhaʼe. Bishaan achi keessaa lolaanaan waldaa fi horiin isaanii dhugan.
NUM 20:12 Waaqayyo garuu Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Sababii isin fuula Israaʼelootaa duratti akka qulqullummaa kootiitti na kabajjanii natti amanuu diddaniif, isin biyya ani isaanii kenne sanatti waldaa kana hin galchitan.”
NUM 20:13 Kun bishaan Mariibaa, lafa Israaʼeloonni itti Waaqayyoon wal dhabanii fi lafa inni itti akka qulqulluu taʼe gidduu isaaniitti of argisiisee ti.
NUM 20:14 Museen akkana jedhee Qaadesh irraa mootii Edoomiitti ergamoota erge: “Obboleessi kee Israaʼel akkana jedha: Ati waaʼee rakkina nutti dhufe hundaa ni beekta.
NUM 20:15 Abbootiin keenya Gibxitti gad buʼan; nus waggaa hedduu achi jiraanne. Warri Gibxis nuu fi abbootii keenya cunqursan;
NUM 20:16 garuu nu Waaqayyotti iyyaannaan, inni nu dhagaʼee ergamaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase. “Nu amma as Qaadeshitti jechuunis magaalaa daarii biyya keetii irra jiru tokko keessa jirra.
NUM 20:17 Maaloo mee akka biyya kee keessa baanee dabarru nuu eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokko keessa iyyuu hin yaanu yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo iyyuu si duraa hin dhugnu. Nu karaa mootichaa irra godaanna malee hamma daarii kee keessaa baanutti bitaa mirgatti hin gorru.”
NUM 20:18 Edoom immoo akkana jedhee deebii kenne: “Isin asiin darbuu hin dandeessan; yoo darbuu yaaltan immoo nu isinitti kaanee goraadeedhaan isin dhoofna.”
NUM 20:19 Israaʼeloonnis akkana jedhanii deebii kennan: “Nu karuma guddicha irra yaana; yoo nu yookaan horiin keenya bishaan keessan kam iyyuu dhuge, nu gatii isiniif kaffalla. Nu miilla qofaan yaanee darbuu feena; kana malee waan biraa hin feenu.”
NUM 20:20 Isaan amma illee akkana jedhanii deebisan: “Isin asiin hin dabartan.” Edoomis loltoota baayʼee fi jajjaboo fudhatee isaanitti gad baʼe.
NUM 20:21 Sababii Edoom biyya ofii isaa keessaan darbuu isaan dhowweef Israaʼeloonni isaan irraa deebiʼan.
NUM 20:22 Sabni Israaʼel hundinuu Qaadeshii kaʼee Tulluu Hoori gaʼe.
NUM 20:23 Waaqayyos Tulluu Hoori cinatti daangaa Edoom biratti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
NUM 20:24 “Aroon gara abbootii isaatti walitti qabama. Sababii isin lachuu bishaan Mariibaa biratti ajaja kootti finciltaniif, inni biyya ani Israaʼelootaaf kennutti hin galu.
NUM 20:25 Aroonii fi ilma isaa Eleʼaazaar fuudhiitii Tulluu Hooritti ol baasi.
NUM 20:26 Aroon irraa uffata isaa baasiitii ilma isaa Eleʼaazaaritti uffisi; Aroon gara abbootii isaatti walitti qabamaatii. Inni achitti duʼa.”
NUM 20:27 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe: Isaanis utuma waldaan Israaʼel guutuun ilaaluu Tulluu Hooritti ol baʼan.
NUM 20:28 Museenis uffata Aroon irraa baasee ilma isaa Eleʼaazaaritti uffise. Aroonis achuma tulluu sana gubbaatti duʼe. Musee fi Eleʼaazaaris tulluu sana irraa gad buʼan;
NUM 20:29 yommuu waldaan Israaʼel hundi akka Aroon duʼe dhagaʼetti manni Israaʼel guutuun bultii soddoma booʼeef.
NUM 21:1 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraatu sun akka Israaʼel karaa Ataariim irra dhufaa jiru dhageenyaan Israaʼeloota lolee isaan keessaa nama tokko tokko boojiʼe.
NUM 21:2 Israaʼeloonnis, “Yoo ati saba kana dabarsitee harka keenyatti kennite, nu guutumaan guutuutti magaalaa isaanii barbadeessina” jedhanii Waaqayyoof wareegan.
NUM 21:3 Waaqayyos iyya Israaʼel dhagaʼee warra Kanaʼaan dabarsee harka isaaniitti kenne. Israaʼeloonnis isaanii fi magaalaawwan isaanii illee guutumaan guutuutti barbadeessan; kanaafuu iddoon sun Hormaa jedhamee waamame.
NUM 21:4 Isaanis Edoom duubaan darbanii deemuuf jedhanii Gaara Hoorii kaʼanii karaa Galaana Diimaatti geessu irra qajeelan. Sabni sun garuu karumatti obsa fixate;
NUM 21:5 isaanis Waaqaa fi Museedhaan mormanii akkana jechuudhaan dubbatan; “Isin maaliif akka gammoojjii keessatti dhumnuuf biyya Gibxii nu baaftan? Buddeenni hin jiru! Bishaan hin jiru! Nus nyaata balfamaa kana jibbineerra!”
NUM 21:6 Waaqayyos bofawwan hadhaa qaban gidduu isaaniitti erge; bofawwan sunis isaan iddanii Israaʼeloonni baayʼeen dhuman.
NUM 21:7 Sabni sunis gara Musee dhufee akkana jedhe; “Nu yeroo Waaqayyoo fi sitti afaan dabarre sana cubbuu hojjenne. Akka Waaqayyo bofawwan kanneen nurraa fageessuuf nuuf kadhadhu.” Museen saba sanaaf kadhate.
NUM 21:8 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Bofa tokko tolchiitii utubaatti fannisi; namni bofni idde kam iyyuu bofa ati tolchite sana ilaalee jiraachuu dandaʼa.”
NUM 21:9 Museen bofa naasii tokko tolchee utubaatti fannise. Ergasiis namni bofti idde kam iyyuu yeroo bofa naasii sana ilaalu ni jiraata ture.
NUM 21:10 Israaʼeloonni fuula duratti qajeelanii Oobooti keessa qubatan.
NUM 21:11 Ergasiis Oobootii kaʼanii Iyyee Abaariim lafa karaa baʼa biiftuutiin fuullee Moʼaabitti gammoojjii keessatti argamu qubatan.
NUM 21:12 Achiis kaʼanii Sulula Zered keessa qubatan.
NUM 21:13 Achii kaʼaniis daarii Arnoon lafa gammoojjii keessaa kan bulchiinsa Amoorotaa keessa seentu sana irra qubatan. Arnoon lafa daarii Moʼaab irraa kan Moʼaabii fi Amoor gidduu jirtuu dha.
NUM 21:14 Sababiin Kitaabni Waraana Waaqayyoo akkana jedhuuf kana: “Waaheb Suufaa keessaa fi lageen, Arnoonii fi
NUM 21:15 irraan-gadee sululaa kan gara Aaritti geessuu fi daarii Moʼaab irratti argamu.”
NUM 21:16 Achii kaʼanii gara Biʼeer boolla bishaanii kan Waaqayyo Museedhaan, “Saba walitti qabi; ani bishaan kennaafii” jedhe sanaa karaa isaanii itti fufan.
NUM 21:17 Israaʼelis faarfannaa kana faarfate: “Yaa boolla bishaanii nana, burqi! Isinis waaʼee isaa faarfadhaa;
NUM 21:18 Boolla bishaanii ilmaan mootii qotan, kan kabajamoonni sabaa, qajeelcha warra seera kennuutiin ulee isaaniitiin qotan faarfadhaa.” Isaan ergasii gammoojjii sana keessaa baʼanii Mataanaa dhaqan;
NUM 21:19 Mataanaadhaa kaʼanii Nahaaliʼeel dhaqan; Nahaaliʼeelii kaʼanii Baamooti dhaqan;
NUM 21:20 Baamootii immoo kaʼanii sulula Moʼaab, iddoo itti fiixeen Phisgaa gammoojjiitti garagaltu qubatan.
NUM 21:21 Israaʼelis Sihoon mooticha Amoorotaatiin akkana jechuuf ergamoota ergate:
NUM 21:22 “Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuuf eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokkotti iyyuu hin gorru yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo illee hin dhugnu. Nu hamma biyya kee keessaa baanutti karaa mootichaa irra yaana.”
NUM 21:23 Sihoon garuu akka Israaʼel biyya isaa keessa baʼee darbu hin eeyyamne. Innis loltoota ofii guutuu walitti qabatee Israaʼelin loluuf gammoojjiitti gad baʼe. Yommuu Yaahazi gaʼettis Israaʼeliin wal lole.
NUM 21:24 Israaʼel garuu goraadeedhaan isa ajjeesee Arnoonii jalqabee hamma Yaaboq gaʼutti biyya isaa qabate; garuu sababii dallaan daangaa Amoorotaa jabaa tureef inni hamma daangaa Amoonotaa qofatti deemuu dandaʼe.
NUM 21:25 Israaʼelis magaalaawwan Amoorotaa hunda, Heshboonii fi qubatawwan naannoo ishee jiran hunda qabatee keessa qubate.
NUM 21:26 Heshboon kun magaalaa Sihoon mootii Amoorotaa isa mooticha Moʼaab kan duraa lolee biyya isaa hunda hamma Arnoonitti irraa fudhate sanaa ture.
NUM 21:27 Sababiin weellistoonni akkana jedhaniif kana: “Gara Heshboon kottaa; isheen deebitee haa ijaaramtu; Magaalaan Sihoonis haa haaromfamtu.
NUM 21:28 “Heshboon keessaa ibiddi, magaalaa Sihoon keessaa arrabni ibiddaa baʼe. Ibiddi sun Aari magaalaa Moʼaab, jiraattota gaara Arnooniis gubee barbadeesse.
NUM 21:29 Yaa Moʼaab, siif wayyoo! Yaa warra Kemoosh, isin barbadooftaniirtu! Inni ilmaan isaa akka baqattootaatti, intallan isaa immoo akka boojiʼamtootaatti, Sihoon mootii Amoorotaatti dabarsee kenneera.
NUM 21:30 “Nu garuu isaan garagalchineerra; Heshboon hamma Diiboonitti barbadoofteerti. Nus hamma Noofaa ishee gara Meedebaatti diriirtu sanaatti isaan barbadeessineerra.”
NUM 21:31 Akkasiin Israaʼel biyya Amoor keessa qubate.
NUM 21:32 Museen Yaʼizeeritti basaastota erge; isaanis qubatawwan naannoo ishee qabatanii Amoorota achi keessa jiraachaa turan ariʼanii baasan.
NUM 21:33 Isaanis ergasii deebiʼanii karaa Baashaan qabatanii ol baʼan; Oogi mootichi Baashaaniitii fi loltoonni isaa guutuun Edreyiitti isaaniin wal loluuf itti gad baʼan.
NUM 21:34 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani guutuu loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Waanuma Sihoon mootiin Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi.”
NUM 21:35 Isaan isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda utuu nama tokko illee hin hambisiniif dhaʼanii biyya isaa illee irraa fudhatan.
NUM 22:1 Israaʼeloonni gara dirree Moʼaabitti qajeelanii Yerikoon gama qarqara Yordaanos qubatan.
NUM 22:2 Baalaaq ilmi Ziphoori waan Israaʼel Amoorotatti hojjete hunda arge;
NUM 22:3 Moʼaabis waan sabni sun akka malee baayʼee taʼeef ni sodaate. Moʼaabis sababii Israaʼelootaatiif raafame.
NUM 22:4 Warri Moʼaabis maanguddoota Midiyaaniin, “Namoonni baayʼeen kunneen akkuma qotiyyoon marga bakkee dheedee fixu sana waan naannoo keenya jiru dheedee fixa” jedhan. Kana irratti Baalaaq ilmi Ziphoori kan yeroo sana mootii Moʼaab ture sun,
NUM 22:5 akka isaan Balaʼaam ilma Beʼoor kan biyyuma itti dhalate keessa laga Efraaxiis bira Phetoori keessa jiraachaa ture sana waamaniif ergamoota erge. Baalaaqis akkana jedhe: “Kunoo, sabni tokko biyya Gibxii baʼee dhufeera; kunoo isaan lafa guutanii natti aananii qubataniiru.
NUM 22:6 Sababii isaan na caalaa humna qabaniif amma kottuutii isaan abaari. Yoos ani isaan moʼadhee biyya keessaa ariʼee isaan baasuu nan dandaʼa taʼa. Ani akka warri ati eebbiftu eebbifaman, warri ati abaartus abaaraman nan beekaatii.”
NUM 22:7 Maanguddoonni Moʼaabii fi Midiyaan sun kaʼanii kaffaltii mortuu sanaa fudhatanii deeman. Isaanis yommuu Balaʼaam bira gaʼanitti waan Baalaaq jedheen sana itti himan.
NUM 22:8 Balaʼaamis, “Halkan kana asuma bulaa; anis deebii Waaqayyo naaf kennu isinitti nan hima” jedheen. Qondaaltonni Moʼaab sun isuma bira turan.
NUM 22:9 Waaqni gara Balaʼaam dhufee, “Namoonni si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate.
NUM 22:10 Balaʼaamis akkana jedhee Waaqaaf deebii kenne; “Baalaaq ilmi Ziphoori, mootichi Moʼaab akkana jedhee ergaa kana natti erge:
NUM 22:11 ‘Kunoo, sabni biyya Gibxii baʼee dhufe tokko lafa guuteera; ati amma kottuutii isaan naaf abaari. Yoos ani isaan lolee ariʼee biyyaa baasuu nan dandaʼa taʼaatii.’ ”
NUM 22:12 Waaqayyo garuu Balaʼaamiin, “Isaan wajjin hin deemin. Sababii isaan eebbifamoo taʼaniif ati saba sana hin abaarin” jedhe.
NUM 22:13 Balaʼaam ganama itti aanu kaʼee qondaaltota Baalaaqiin, “Sababii Waaqayyo isin wajjin deemuu na dhowweef, isin amma kaʼaa biyya keessanitti deebiʼaa” jedhe.
NUM 22:14 Qondaaltonni Moʼaab gara Baalaaqitti deebiʼanii, “Balaʼaam nu wajjin dhufuu dide” jedhaniin.
NUM 22:15 Baalaaqis qondaaltota warra duraa sana caalaa baayʼee fi caalaa bebeekamoo kan biraa erge.
NUM 22:16 Isaanis dhufanii Balaʼaamiin akkana jedhan: “Wanni Baalaaq ilmi Ziphoori jedhu kunoo kana: ‘Maaloo wanni tokko iyyuu gara koo dhufuu si hin dhowwin;
NUM 22:17 ani ulfina guddaa siif nan kennaatii; waan ati jettu hundas nan guuta. Kottuu saba kana naa abaari.’ ”
NUM 22:18 Balaʼaam garuu akkana jedhee deebiseef; “Utuu Baalaaq masaraa isaa kan meetii fi warqeen guutame sana naaf kenne illee, ani ajaja Waaqayyo Waaqa kootiin alatti waan xinnaa yookaan guddaa tokko illee hojjechuu hin dandaʼu.
NUM 22:19 Akka ani waan Waaqayyo natti himu kan biraa beekuu dandaʼuuf isinis akkuma warra kaanii as bulaa.”
NUM 22:20 Halkan sana Waaqayyo gara Balaʼaam dhufee, “Sababii namoonni kunneen si waamuu dhufaniif, isaan wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa hojjedhu” jedheen.
NUM 22:21 Balaʼaam ganamaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee qondaaltota Moʼaab sana wajjin deeme.
NUM 22:22 Waaqni garuu inni deemnaan itti aare; ergamaan Waaqayyoo tokkos isaan mormuuf jedhee karaa irra dhaabate. Balaʼaamis harree isaa yaabbatee deemaa ture; tajaajiltoonni isaa lamaan isa wajjin turan.
NUM 22:23 Harreen sun immoo ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifatee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu arginaan of irra gara galtee karaa irraa gortee lafa qotiisaa seente. Balaʼaamis karaatti ishee deebisuudhaaf harree sana rukute.
NUM 22:24 Ergamaan Waaqayyoo sun garuu daandii dhiphoo, iddoo dhaabaa wayinii lama kanneen gama lamaan dallaa qaban gidduu baatu irra dhaabate.
NUM 22:25 Harreen sun ergamaa Waaqayyoo arginaan, dallaatti maxxantee miilla Balaʼaam dallaatti buufte. Inni ammas harree sana rukute.
NUM 22:26 Ergamaan Waaqayyoos fuula duratti hiiqee daandii dhiphaa iddoo ittiin mirgatti yookaan bitaatti goran hin qabne tokko irra dhaabate.
NUM 22:27 Harreen sun ergamaa Waaqayyoo arginaan Balaʼaam jalaa gad ciifte; innis aaree ulee ofiitiin harree sana rukute.
NUM 22:28 Kana irratti Waaqayyo afaan harree sanaa banee harreen sun Balaʼaamiin, “Ani maal si yakkinaan ati akkas yeroo sadii na rukutte?” jette.
NUM 22:29 Balaʼaamis harree sanaan, “Ati na gowwoomsite; ani utuu goraadee of harkaa qabaadhee silaa ammuman si ajjeesa” jedhe.
NUM 22:30 Harreen sun amma illee Balaʼaamiin akkana jette; “Ani harree kee kan ati hamma harʼaatti guyyaa hunda yaabbattu mitii? Ani takkumaa waan akkasii sitti hojjedhee beekaa?” Innis, “Lakkii” jedhee deebiseef.
NUM 22:31 Yommus Waaqayyo ija Balaʼaam bane; Balaʼaamis ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifatee karaa irra dhaabatu arge. Kana irratti inni addaan lafatti gombifamee sagade.
NUM 22:32 Ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee isa gaafate; “Ati maaliif yeroo sadan kana harree kee rukutte? Kunoo ani waan karaan kee fuula koo duratti jalʼaa taʼeef siin mormuudhaafan dhufe.
NUM 22:33 Harreen kun na argitee yeroo kana sadanuu narraa gorte. Utuu isheen narraa goruu baattee silaa ani yoona si ajjeesee ishee immoo hambisa ture.”
NUM 22:34 Balaʼaamis ergamaa Waaqayyootiin, “Ani cubbuu hojjedheera. Ani akka ati naan mormuuf jettee karaa irra dhaabatte hin hubanne. Ammas yoo sitti hin tolin ani nan deebiʼa” jedhe.
NUM 22:35 Ergamaan Waaqayyoo sunis Balaʼaamiin, “Namoota kana wajjin deemi; garuu waanuma ani sitti himu qofa dubbadhu” jedhe. Akkasiin Balaʼaam qondaaltota Baalaaq sana wajjin deeme.
NUM 22:36 Baalaaqis akka Balaʼaam dhufaa jiru dhageenyaan, magaalaa Moʼaab kan daarii Arnoon irratti argamtutti isa simachuudhaaf kaʼee deeme.
NUM 22:37 Baalaaqis Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani dhaamsa ariifachiisaa sitti hin erginee? Ati maaliif na bira hin dhufne? Ani dhugumaan ulfina siif kennuu hin dandaʼuu?”
NUM 22:38 Balaʼaamis, “Kunoo ani si bira dhufeera. Garuu ani waanuman arge dubbachuu nan dandaʼaa? Ani waanuma Waaqni afaan koo keessa kaaʼu qofan dubbachuu qaba” jedhee deebise.
NUM 22:39 Balaʼaamis kaʼee Baalaaq wajjin Qiiriyaati Haxoti dhaqe.
NUM 22:40 Baalaaq loonii fi hoolaa aarsaa dhiʼeessee gara tokko Balaʼaamii fi qondaaltota isa wajjin turaniif kenne.
NUM 22:41 Ganama itti aanus Baalaaq, Balaʼaamin Baamooti Baʼaalitti ol baase; innis achi dhaabatee saba Israaʼel warra daangaa gamaa irra jiran arge.
NUM 23:1 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; amma illee korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naa qopheessi” jedhe.
NUM 23:2 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedhe sana godhe; isaan lamaan tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irratti korma looniitii fi korbeessa hoolaa tokko tokko aarsaa dhiʼeessan.
NUM 23:3 Ergasii Balaʼaam Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani xinnoo achi sirraa nan siqa; ati immoo asuma aarsaa kee bira turi. Tarii Waaqayyo anaa wajjin wal arguuf ni dhufa taʼa. Waan inni natti mulʼisu kam iyyuu ani sittin hima.” Innis gara gaara tokkoo dhaqe.
NUM 23:4 Waaqayyo isaan wal arginaan Balaʼaam, “Ani iddoo aarsaa torba qopheessee tokkoo tokkoo isaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qopheesseera” jedhe.
NUM 23:5 Waaqayyo ergaa tokko afaan Balaʼaam keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
NUM 23:6 Balaʼaam Baalaaqitti deebiʼee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge.
NUM 23:7 Balaʼaam ergaa isaa akkana jedhee dubbate: “Baalaaq Arraam irraa, mootichi Moʼaab gaarran baʼaa irraa na fide. Innis, ‘Kottuutii Yaaqoobin naa abaari; kottuutii Israaʼelin naa balaaleffadhu’ jedhe.
NUM 23:8 Ani akkamittan warra Waaqni hin abaarin abaaruu dandaʼa? Ani akkamittan warra Waaqayyo hin balaaleffatin balaaleffachuu dandaʼa?
NUM 23:9 Fiixee gaarranii irraa ani isa nan arga; tulluuwwan irraas isa nan ilaala. Saba kophaa isaa jiraatu, kan saba kaan keessatti of hin lakkoofne nan arga.
NUM 23:10 Eenyutu awwaara Yaaqoob lakkaaʼuu dandaʼa? Eenyutu Israaʼel keessaa kurmaana isaa illee lakkaaʼa? Ani duʼa nama qajeelaa haa duʼu; dhumni koos akkuma dhuma isaa haa taʼu!”
NUM 23:11 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Wanni ati na goote kun maali? Ani akka ati diina koo naa abaartuufin si fide; ati kunoo isaan eebbifte malee waan tokko iyyuu isaan hin goone!” jedhe.
NUM 23:12 Innis, “Ani waan Waaqayyo afaan koo keessa kaaʼu hin dubbadhuu?” jedhee deebii kenneef.
NUM 23:13 Baalaaq, “Mee gara lafa itti isaan arguu dandeessu biraa na wajjin kottu; ati gara tokko qofa malee hunduma isaanii arguu hin dandeessu. Achiis isaan naa abaari” jedheen.
NUM 23:14 Inni gara dirree Xoofiim kan fiixee Phisgaa irratti argamuutti isa geesse; achittis iddoo aarsaa torba ijaaree tokkoo tokkoo iddoo aarsaa sanaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
NUM 23:15 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati hamma ani achi siqee Waaqa wajjin wal argutti asuma aarsaa kee bira turi” jedhe.
NUM 23:16 Waaqayyo Balaʼaam wajjin wal argee ergaa tokko afaan isaa keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
NUM 23:17 Balaʼaam Baalaaq bira dhaqee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. Baalaaqis, “Waaqayyo maal jedhe?” jedhee Balaʼaamiin gaafate.
NUM 23:18 Balaʼaam akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Yaa Baalaaq, kaʼiitii dhaggeeffadhu; yaa ilma Ziphoori na dhagaʼi.
NUM 23:19 Waaqni nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?
NUM 23:20 Kunoo ani eebbisuudhaaf ajaja argadheera; inni eebbiseera; anis geeddaruu hin dandaʼu.
NUM 23:21 “Inni Yaaqoob keessatti daba hin argine; rakkina tokko illee Israaʼel keessatti hin argine. Waaqayyo Waaqni isaanii isaan wajjin jira; ililleen Mootii isaan wajjin jira.
NUM 23:22 Waaqayyo biyya Gibxiitii isaan baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba.
NUM 23:23 Yaaqoob irratti falfalli tokko iyyuu hin hojjetu; Israaʼel irrattis tolchi tokko iyyuu hin hojjetu. Amma Yaaqoobii fi Israaʼeliin, ‘Waan Waaqni hojjete ilaalaa!’ jedhama.
NUM 23:24 Kunoo sabni sun akka leenca dhalaatti kaʼa; akkuma leencaattis ol jedha; inni hamma waan adamsate nyaatee fixutti, hamma dhiiga waan ajjeefate sanaa dhuguttis hin ciisu.”
NUM 23:25 Baalaaq Balaʼaamiin, “Ati gonkumaa isaan hin abaarin yookaan isaan hin eebbisin” jedhe.
NUM 23:26 Balaʼaamis, “Ani akka waan Waaqayyo jedhu kam iyyuu hojjedhu sitti hin himnee?” jedhee Baalaaqiif deebise.
NUM 23:27 Ergasii Baalaaq Balaʼaamiin, “Mee kottu amma illee ani iddoo biraa sin geessaa. Tarii achii jara naaf abaaruun kee Waaqa gammachiisa taʼaatii” jedhe.
NUM 23:28 Baalaaqis Balaʼaamin fiixee tulluu Pheʼoor kan irra dhaabatanii gammoojjii sana gad ilaalanitti ol baase.
NUM 23:29 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; ammas korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe.
NUM 23:30 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedheen sana godhe; tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irrattis korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
NUM 24:1 Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate.
NUM 24:2 Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe;
NUM 24:3 innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
NUM 24:4 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu isa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee iji isaa banamu sanaa:
NUM 24:5 “Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee, Yaa Israaʼel, iddoon ati jiraattu akkam miidhaga!
NUM 24:6 “Isaan akkuma sulula diriiraa, akkuma iddoo biqiltuu kan afaan lagaa, akkuma argeessa Waaqayyo dhaabee, akkuma birbirsaa qarqara bishaanii ti.
NUM 24:7 Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa; sanyiin isaa bishaan baayʼee argata. “Mootiin isaa Agaag caala; mootummaan isaa ni kabajama.
NUM 24:8 “Waaqayyo Gibxii isa baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba. Inni saba diinota isaa taʼe nyaata; lafee isaanii ni caccabsa; xiyya ofii isaatiin isaan waraana.
NUM 24:9 Inni akkuma leencaa ciiseera; akkuma leenca dhalaas ciiseera; eenyutu isa dammaqsa? “Warri si eebbisan haa eebbifaman; warri si abaaranis haa abaaraman!”
NUM 24:10 Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte.
NUM 24:11 Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”
NUM 24:12 Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii?
NUM 24:13 ‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’
NUM 24:14 Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”
NUM 24:15 Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate: Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
NUM 24:16 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu kan beekumsa Waaqa Waan Hundaa Olii qabu kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee diriiruu, iji isaas kan banamu sanaa:
NUM 24:17 “Ani isa nan arga; garuu amma miti; ani isa nan ilaala; garuu dhiʼootti miti. Yaaqoob keessaa urjiin tokko ni baʼa; Israaʼel keessaa bokkuun tokko ol kaʼa. Inni adda warra Moʼaab, buqqee mataa ilmaan Seet hundaas ni caccabsa.
NUM 24:18 Edoom ni moʼatama; Seeʼiir, diinni isaa ni moʼatama; Israaʼel garuu jabaachaa deema.
NUM 24:19 Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa; warra magaalaa sana keessatti lubbuudhaan hafanis ni barbadeessa.”
NUM 24:20 Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate: “Amaaleq saboota keessaa kan jalqabaa ture; dhumni isaa garuu barbadaaʼuu dha.”
NUM 24:21 Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate: “Iddoon ati jiraattu jabaa dha; manni kees kattaa keessatti ijaarame;
NUM 24:22 taʼus isin warri Qeenotaa, gaafa Asoor isin boojiʼu ni baddu.”
NUM 24:23 Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate: “Wayyoo! Yeroo Waaqayyo waan kana hojjetu eenyutu jiraachuu dandaʼa?
NUM 24:24 Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu; isaanis Asoorii fi Eeberin ni qabatu; garuu isaanis ni barbadeeffamu.”
NUM 24:25 Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele.
NUM 25:1 Israaʼeloonni yeroo Shixiim keessa turanitti dhiironni isaanii dubartoota Moʼaab wajjin sagaagaluu jalqaban.
NUM 25:2 Dubartoonni kunneenis gara qalma waaqota isaaniitti saba sana afeerraan, sabni sun qalma sana nyaatee waaqota sanaaf sagade.
NUM 25:3 Israaʼel Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼe. Dheekkamsi Waaqayyoos isaanitti bobaʼe.
NUM 25:4 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka dheekkamsi Waaqayyoo jabaan sun saba Israaʼel irraa deebiʼuuf, hangafoota saba sanaa hunda fuudhiitii guyyaa adiidhaan fuula Waaqayyoo duratti isaan fannisi.”
NUM 25:5 Museen abbootii murtii Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan namoota keessan kanneen Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan fixaa” jedhe.
NUM 25:6 Kunoo namichi Israaʼel tokko utuma isaan balbala dunkaana wal gaʼii duratti booʼaa jiranuu fuula Museetii fi fuula waldaa Israaʼel guutuu duratti dubartii Midiyaan tokko gara maatii ofii isaatti fidate.
NUM 25:7 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa waan kana arginaan waldaa sana keessaa baʼee eeboo harkatti qabatee
NUM 25:8 namicha Israaʼel sana duukaa buʼee dunkaana seene; namicha Israaʼelii fi dubartittiis walitti waraanee dhagna isheetti fullaase. Akkasiin dhaʼichi Israaʼelitti dhufe sun ni dhowwame.
NUM 25:9 Garuu baayʼinni namoota dhaʼicha sanaan dhumanii 24,000 gaʼee ture.
NUM 25:10 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
NUM 25:11 “Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubicha sanaa dheekkamsa koo Israaʼeloota irraa deebiseera; inni akka ani hinaaffaa kootiin isaan hin balleessineef, akkuma ani ulfina kootiif isaan gidduutti hinaafu sana innis hinaafeeraatii.
NUM 25:12 Kanaafuu kunoo akka ani kakuu koo kan nagaa isa wajjin godhadhu itti naaf himi.
NUM 25:13 Sababii inni ulfina Waaqa isaatiif hinaafee Israaʼelootaaf araara buuseef, innii fi sanyiin isaa kakuu lubummaa kan bara baraa qabaatu.”
NUM 25:14 Maqaan namicha Israaʼel kan dubartii Midiyaan wajjin ajjeefame sanaa Zimrii ilma Saaluu ti; innis hoogganaa maatii Simiʼoon.
NUM 25:15 Maqaan dubartii Midiyaan kan ajjeefamte sanaa Kozbii intala Zuuri hangafa maatii Midiyaan tokkoo ti.
NUM 25:16 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 25:17 “Midiyaanota akka diinaatti ilaaliitii ajjeesi;
NUM 25:18 kunis waan isaan sababii Pheʼooriitii fi obboleettii isaanii Kozbii intala hoogganaa warra Midiyaan, dubartii guyyaa sababii Pheʼooriitiin dhaʼichi dhufe sana ajjeefamte sanaa irratti isin gowwoomsan sana akka diinaatti isin ilaalaniif.”
NUM 26:1 Dhaʼicha sana booddee Waaqayyo Musee fi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatiin akkana jedhe;
NUM 26:2 “Waldaa saba Israaʼel warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi hammasii ol taʼe kanneen loltoota Israaʼel keessa tajaajiluu dandaʼan hunda maatii maatiidhaan lakkaaʼaa.”
NUM 26:3 Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti akkana jedhanii isaan wajjin dubbatan;
NUM 26:4 “Akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namoota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii lakkaaʼaa.”
NUM 26:5 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: karaa Henookiitiin, balbala Hanookotaa; karaa Faluutiin, balbala Faluuwotaa;
NUM 26:6 karaa Hezrooniitiin, balbala Asroonotaa; karaa Karmiitiin, balbala Karmootaa.
NUM 26:7 Jarri kunneen balbalawwan Ruubeen; baayʼinni isaaniis 43,730 ture.
NUM 26:8 Ilmi Faluus Eliiyaab;
NUM 26:9 ilmaan Eliiyaabis Nemuuʼeel, Daataanii fi Aberoon. Daataanii fi Abiiraam kunneen qondaaltota waldaa kanneen Musee fi Aroonitti fincilanii dha; isaan yeroo Qooraahii fi duukaa buutonni isaa Waaqayyotti fincilan sanas achi keessa turan.
NUM 26:10 Laftis afaan banattee Qooraahii fi isaan illee liqimsite; warri garee Qooraahi immoo yeroo ibiddii namoota 250 fixe sana dhuman. Isaanis mallattoo namoonni ittiin of eeggatan taʼan.
NUM 26:11 Ilmaan Qooraahi garuu hin duune.
NUM 26:12 Ilmaan Simiʼoon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Nemuuʼeel, balbala Nemuuʼeelotaa; karaa Yaamiin, balbala Yaamiinotaa; karaa Yaakiin, balbala Yaakiinotaa;
NUM 26:13 karaa Zeraan, balbala Zerootaa; karaa Shaawul, balbala Shaawulootaa ti.
NUM 26:14 Jarri kunneen balbalawwan Simiʼoonii ti; isaanis namoota 22,200 turan.
NUM 26:15 Ilmaan Gaad akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Zefoon, balbala Zefoonotaa; karaa Hagii, balbala Hagootaa; karaa Shuunii, balbala Shuunotaa;
NUM 26:16 karaa Oznii, balbala Oznootaa; karaa Eerii, balbala Eerotaa;
NUM 26:17 karaa Arood, balbala Aroodotaa; karaa Ariʼeel, balbala Ariʼeelotaa ti.
NUM 26:18 Jarri kunneen balbalawwan Gaadii ti; baayʼinni isaaniis 40,500 ture.
NUM 26:19 Eerii fi Oonaan ilmaan Yihuudaa ti; isaan garuu Kanaʼaan keessatti duʼan.
NUM 26:20 Ilmaan Yihuudaa akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Sheelaa, balbala Sheelaanotaa; karaa Faares, balbala Faaresotaa; karaa Zaaraa, balbala Zaarotaa ti.
NUM 26:21 Ilmaan Faaresis kanneenii dha: karaa Hezroon, balbala Hezroonotaa; karaa Hamuul, balbala Hamuulotaa ti.
NUM 26:22 Jarri kunneen balbalawwan Yihuudaa ti; baayʼinni isaaniis 76,500 ture.
NUM 26:23 Ilmaan Yisaakor akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Toolaa, balbala Toolotaa; karaa Fuwaa, balbala Fuuwotaa;
NUM 26:24 karaa Yaashuub, balbala Yaashuubotaa; karaa Shimroon, balbala Shimroonotaa ti.
NUM 26:25 Jarri kunneen balbalawwan Yisaakor; baayʼinni isaaniis 64,300 ture.
NUM 26:26 Ilmaan Zebuuloon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Sered, balbala Seredootaa; karaa Eeloon, balbala Eeloonotaa; karaa Yahiliʼeel, balbala Yahiliʼeelotaa ti.
NUM 26:27 Jarri kunneen balbalawwan Zebuuloon; baayʼinni isaaniis 60,500 ture.
NUM 26:28 Ilmaan Yoosef akkuma balbala balbala isaaniitti: Minaasee fi Efreem.
NUM 26:29 Ilmaan Minaasee: karaa Maakiir, balbala Maakiirotaa; Maakiir kun abbaa Giliʼaad; karaa Giliʼaad, balbala Giliʼaadotaa ti.
NUM 26:30 Ilmaan Giliʼaad isaan kanneenii dha: karaa Iiʼezer, balbala Iiʼezerootaa; karaa Heleq, balbala Heleqootaa;
NUM 26:31 karaa Asriʼeel, balbala Asriiʼeelotaa, karaa Sheekem, balbala Sheekemotaa;
NUM 26:32 karaa Shemiidaa, balbala Shemiidaa; karaa Heefer, balbala Heeferotaa ti.
NUM 26:33 Zelofehaad ilmi Heefer ilmaan hin qabu ture; inni intallan qofa qaba ture; maqaan isaaniis Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.
NUM 26:34 Jarri kunneen balbalawwan Minaasee ti; baayʼinni isaaniis 52,700 ture.
NUM 26:35 Ilmaan Efreem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Shuutelaa, balbala Shuutelootaa; karaa Beker, balbala Bekerotaa; karaa Taahan, balbala Taahanotaa ti.
NUM 26:36 Ilmaan Shuutelaa isaan kanneenii dha: karaa Eeraan, balbala Eeraanotaa ti.
NUM 26:37 Jarri kunneen balbalawwan Efreem; baayʼinni isaaniis 32,500 ture.
NUM 26:38 Ilmaan Beniyaam akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Belaa, balbala Belaaʼotaa; karaa Ashbeel, balbala Asbeelotaa; karaa Ahiiraam, balbala Ahiiraamotaa;
NUM 26:39 karaa Shefuufaami, balbala Shefuufaamotaa; karaa Huufaam, balbala Huufaamotaa ti.
NUM 26:40 Ilmaan Belaa, karaa Ardii fi Naʼamaan: karaa Ardii, balbala Ardootaa; karaa Naʼamaan, balbala Naʼamaanotaa ti.
NUM 26:41 Jarri kunneen balbalawwan Beniyaam; baayʼinni isaaniis 45,600 ture.
NUM 26:42 Ilmaan Daan akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Shuuhaam, balbala Shuuhaamotaa ti.
NUM 26:43 Isaan hundinuu balbalawwan Shuuhaamotaa ti; baayʼinni isaaniis 64,400 ture.
NUM 26:44 Ilmaan Aasheer akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Yimnaa, balbala Yuumnootaa; karaa Yishwii, balbala Yishwiiyotaa; karaa Beriiyaa, balbala Beriiyootaa;
NUM 26:45 karaa ilmaan Beriiyaa immoo: karaa Hebeer, balbala Hebeerotaa; karaa Malkiiʼeel, balbala Malkiiʼeelotaa ti.
NUM 26:46 Aasheer intala Seraa jedhamtu tokko qaba ture.
NUM 26:47 Jarri kunneen balbalawwan Aasheer; baayʼinni isaaniis 53,400 ture.
NUM 26:48 Ilmaan Niftaalem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Yahizeel, balbala Yahizeelotaa, karaa Guunii, balbala Guunotaa;
NUM 26:49 karaa Yeexer, balbala Yeexirotaa; karaa Shiileem, balbala Shiileemotaa ti.
NUM 26:50 Jarri kunneen balbalawwan Niftaalem; baayʼinni isaaniis 45,400 ture.
NUM 26:51 Walumaa galatti baayʼinni dhiira Israaʼel 601,730 ture.
NUM 26:52 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 26:53 “Biyyi sun akkuma baayʼina maqaa namaatti dhaala taʼee isaan kanneeniif haa qoodamu.
NUM 26:54 Balbala guddaadhaaf dhaala guddaa, balbala xinnaadhaaf immoo dhaala xinnaa kenni; tokkoon tokkoon balbalaa akkuma baayʼina namoota galmeeffamaniitti dhaala isaa haa argatu.
NUM 26:55 Garuu biyyi sun ixaadhaan haa qoqoodamtu. Isaanis akkuma maqaawwan gosoota abbootii isaaniitti ni dhaalu.
NUM 26:56 Tokkoon tokkoon dhaala sanaa garee guddaa fi garee xinnaa gidduutti ixaadhaan haa qoodamu.”
NUM 26:57 Lewwonni balbala balbalaan lakkaaʼaman kanneenii dha: karaa Geershoon, balbala Geershoonotaa; karaa Qohaati, balbala Qohaatotaa; karaa Meraarii, balbala Meraarotaa ti.
NUM 26:58 Jarri kunneenis balbalawwan Lewwotaa ti: balbala Liibnotaa, balbala Kebroonotaa, balbala Mahelootaa, balbala Muusotaa, balbala Qooraahotaa. Qohaati abbaa Amraam;
NUM 26:59 maqaan niitii Amraam Yookebeed. Isheen intala Lewwii kan biyya Gibxitti Lewwiif dhalattee dha. Amraamiifis Aroon, Musee fi obboleettii isaanii Miiriyaam deesse.
NUM 26:60 Aroon abbaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
NUM 26:61 Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan sana duʼan.
NUM 26:62 Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii ol taʼe kanneen lakkaaʼaman hundi 23,000 turan. Isaanis sababii gidduu isaaniitti dhaala hin argatiniif Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
NUM 26:63 Isaan kunneen warra yeroo Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Israaʼeloota lakkaaʼan sana lakkaaʼamanii dha.
NUM 26:64 Namoota karaa Museetii fi Aroon lubichaan Gammoojjii Siinaa keessatti lakkaaʼaman keessaa namni tokko iyyuu isaan gidduu hin turre.
NUM 26:65 Sababii Waaqayyo waaʼee isaanii, “Isaan Gammoojjii keessatti ni dhumu” jedhee dubbatee tureef, Kaaleb ilma Yefunee fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafne.
NUM 27:1 Balbala Minaasee ilma Yoosef keessaas intallan Zelofehaad ilma Heefer, ilma Giliʼaad, ilma Maakiirii fi ilma Minaaseetu dhiʼaate. Maqaan intallan sanaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.
NUM 27:2 Isaanis balbala dunkaana wal gaʼii dura, fuula Musee fi Eleʼaazaar lubichaa dura, fuula hooggantootaatii fi waldaa hundaa dura dhaabatanii akkana jedhan;
NUM 27:3 “Abbaan keenya Gammoojjii keessatti duʼe. Inni hooggantoota Qooraahi kanneen Waaqayyotti fincilan sana keessa hin turre. Garuu inni cubbudhuma ofii isaatiin duʼe. Ilmaanis hin qabu ture.
NUM 27:4 Maaliif maqaan abbaa keenyaa sababii inni ilma hin qabneef balbala isaa keessaa bada? Firoota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuu kenni.”
NUM 27:5 Museen dubbii isaanii sana fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse;
NUM 27:6 Waaqayyos akkana jedheen;
NUM 27:7 “Wanni intallan Zelofehaad jedhan kun sirrii dha. Atis firoota abbaa isaanii gidduutti dhaala kenniif; dhaala abbaa isaaniis isaaniif dabarsi.
NUM 27:8 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu ilma hin dhalchin duʼe, dhaala isaa intala isaatiif dabarsaa.
NUM 27:9 Yoo inni intalas qabaachuu baate dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa.
NUM 27:10 Yoo inni obboloota qabaachuu baate dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennaa.
NUM 27:11 Yoo abbaan isaa obboloota qabaachuu baate immoo dhaala isaa balbala isaa keessaa fira aanteef kennaa; firri sun haa dhaalu. Kunis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti saba Israaʼeliif sirna seera qabeessa haa taʼu.’ ”
NUM 27:12 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Tulluu Abaariim kanatti ol baʼiitii biyya ani saba Israaʼeliif kenne ilaali.
NUM 27:13 Erga biyya sana argitee booddee atis akkuma obboleessa kee Aroon gara saba keetiitti walitti qabamta;
NUM 27:14 yeroo waldaan Gammoojjii Siin keessatti natti finciletti isin lachanuus ajaja kootti finciltanii turtaniitii. Isin bishaanota sana biratti fuula isaanii duratti qulqullina koo hin mulʼifne.” Bishaanonni kunneenis bishaanota Mariibaa Qaadesh kan Gammoojjii Siin keessa jiranii dha.
NUM 27:15 Museenis Waaqayyoon akkana jedhe;
NUM 27:16 “Waaqayyo Waaqni hafuurota nama hundaa waldaa kana irratti nama tokko haa muudu;
NUM 27:17 namichi kunis akka sabni Waaqayyoo akkuma hoolota tiksee hin qabnee hin taaneef kan isaan dura gad baʼuu fi ol galu, kan gad isaan baasuu fi ol isaan galchuu dha.”
NUM 27:18 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Iyyaasuu ilma Nuuni, namicha hafuurri keessa jiru sana fuudhii harka kee isa irra kaaʼi.
NUM 27:19 Akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhi; fuuluma isaanii durattis isa muudi.
NUM 27:20 Akka sabni Israaʼel hundi isaaf ajajamuuf aangoo kee irraa kenniif.
NUM 27:21 Innis fuula Eleʼaazaar lubichaa kan fuula Waaqayyoo duratti Uriimiidhaan gaafatee murtii isaaf kennuu dura dhaabachuu qaba. Innii fi waldaan Israaʼelootaa hundi ajaja isaatiin baʼu; ajajuma isaatiinis galu.”
NUM 27:22 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Innis Iyyaasuu geessee akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhe.
NUM 27:23 Ergasiis akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sana harka ofii isaa isa irra kaaʼee isa muude.
NUM 28:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 28:2 “Ajaja kana Israaʼelootaaf kenni; akkanas jedhiin: ‘Aarsaa nyaataa kan ibiddaan anaaf dhiʼeeffamu kan fooliin isaa natti tolu sana yeroo murtaaʼetti naa dhiʼeessuu keessan mirkaneeffadhaa.’
NUM 28:3 Akkana isaaniin jedhi; ‘Aarsaan isin ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessitan isa kana: xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkootii fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan yeroo hunda guyyuma guyyaan dhiʼeeffamu godhaa dhiʼeessaa.
NUM 28:4 Xobbaallaa hoolaa tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi.
NUM 28:5 Kana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi.
NUM 28:6 Kunis aarsaa yeroo hunda gubamu kan fooliin isaa toluu fi kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu kan Tulluu Siinaa irratti ajajamee dha.
NUM 28:7 Dhibaayyuun tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin dhiʼeeffamus dhugaatii cimaa iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko haa taʼu; dhibaayyuu sanas iddoo qulqulluu keessatti Waaqayyoof dhangalaasi.
NUM 28:8 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo akkuma kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin ganama dhiʼeessite sanaa galgalas dhiʼeessi. Kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu dha.
NUM 28:9 “ ‘Guyyaa Sanbataa xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi hirʼina hin qabne aarsaa dhibaayyuutii fi kennaa midhaanii akkasumas kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame wajjin dhiʼeessi.
NUM 28:10 Kunis aarsaa gubamu kan aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee Sanbata Sanbataan dhiʼeeffamuu dha.
NUM 28:11 “ ‘Jalqaba jiʼoota keessanii hundatti jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa.
NUM 28:12 Tokkoo tokkoo jiboota loonii wajjin kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba;
NUM 28:13 tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi fooliin isaa toluu dha.
NUM 28:14 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjin dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokkoo irraa walakkaa isaa, tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin iinii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko, korbeessa hoolaa sana wajjinis iinii tokko irraa harka afur keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu. Kunis aarsaa gubamu kan waggaa keessatti baatii haaraatti dhiʼeeffamuu dha.
NUM 28:15 Akkasumas aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko Waaqayyoof dhiʼeessaa; innis aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee dhiʼeeffama.
NUM 28:16 “ ‘Bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaan Waaqayyoo ayyaaneffamuu qaba.
NUM 28:17 Bultii kudha shanaffaa jiʼa kanaatti ayyaanatu jira; isinis guyyaa torba Maxinoo nyaattu.
NUM 28:18 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
NUM 28:19 Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessaa.
NUM 28:20 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
NUM 28:21 xobbaallaawwan hoolaa torban wajjin tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaatiif iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessi.
NUM 28:22 Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessi.
NUM 28:23 Kanas aarsaa gubamu kan yeroo hunda ganama ganama dhiʼeeffamutti dabalaatii dhiʼeessaa.
NUM 28:24 Haaluma kanaan nyaata aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu sana bultii torbaaf guyyuma guyyaan dhiʼeessaa; innis aarsaa gubamuu fi dhibaayyuu isaa kan yeroo hunda dhiʼeeffamutti dabalamee haa dhiʼeeffamu.
NUM 28:25 Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
NUM 28:26 “ ‘Ayyaana Torbanootaa keessa guyyaa ayyaana mataa midhaaniitti yeroo kennaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessitan sana wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
NUM 28:27 Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
NUM 28:28 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame haa dhiʼeeffamu. Korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama,
NUM 28:29 Xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu.
NUM 28:30 Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaa dhiʼeessaa.
NUM 28:31 Aarsaawwan kanneen dhibaayyuu isaanii wajjin, aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamuu fi kennaa midhaan isaatti dabalaatii dhiʼeessaa; horiin sunis kan hirʼina hin qabne taʼuu isaanii mirkaneeffadhaa.
NUM 29:1 “ ‘Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; gaafas hojii idilee hin hojjetinaa. Guyyaan kun guyyaa isin itti malakata afuuftanii dha.
NUM 29:2 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
NUM 29:3 Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa. Korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
NUM 29:4 xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
NUM 29:5 Akkasumas akka araarri isinii buufamuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaatii aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:6 Aarsaawwan kunneen akkuma amala isaaniitti aarsaawwan gubaman kanneen jiʼa jiʼattii fi guyyaa guyyaatti dhiʼeeffamanii fi kennaawwan midhaaniittii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalamanii dhiʼeeffamanii dha. Isaanis aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman kanneen fooliin isaanii toluu dha.
NUM 29:7 “ ‘Bultii kurnaffaa jiʼa torbaffaa kanaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; isinis gad of deebisaa; hojii tokko illees hin hojjetinaa.
NUM 29:8 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu godhaa dhiʼeessaa.
NUM 29:9 Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumamee dhiʼeessaa; korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
NUM 29:10 xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessa harka tokko dhiʼeessaa.
NUM 29:11 Akkasumas aarsaa cubbuu kan araaraa buusuuf dhiʼeeffamuu fi aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:12 “ ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. Waaqayyoofis bultii torba ayyaana ayyaaneffadhaa.
NUM 29:13 Jiboota loonii kudha sadii, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu fi kan ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa.
NUM 29:14 Tokkoo tokkoo jiboota kudha sadanii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa; tokkoo tokkoo korbeeyyii hoolaa lamaan sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
NUM 29:15 tokkoo tokkoo xobbaallaawwan hoolaa kudha afran sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
NUM 29:16 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:17 “ ‘Bultii lammaffaatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
NUM 29:18 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaatii fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
NUM 29:19 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:20 “ ‘Bultii sadaffaatti jiboota loonii kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
NUM 29:21 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjinis kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
NUM 29:22 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:23 “ ‘Bultii afuraffaatti jiboota loonii kudhan, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
NUM 29:24 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
NUM 29:25 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:26 “ ‘Bultii shanaffaatti jiboota loonii sagal, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
NUM 29:27 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
NUM 29:28 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:29 “ ‘Bultii jaʼaffaatti jiboota loonii saddeeti, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
NUM 29:30 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
NUM 29:31 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:32 “ ‘Bultii torbaffaatti jiboota loonii torba, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
NUM 29:33 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
NUM 29:34 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:35 “ ‘Bultii saddeettaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa.
NUM 29:36 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamuu fi kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
NUM 29:37 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti dibicha loonii, korbeessa hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
NUM 29:38 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
NUM 29:39 “ ‘Aarsaa keessan kan gubamu, kennaa midhaan keessanii, dhibaayyuu keessanii fi aarsaa keessan kan nagaa, kan wareega keessaniitii fi aarsaa fedhii keessaniin dhiʼeessitanitti dabalaatii ayyaana keessan beekamaa sana irratti Waaqayyoof dhiʼeessaa.’ ”
NUM 29:40 Museenis waan Waaqayyo isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime.
NUM 30:1 Museen abbootii gosoota Israaʼeliin akkana jedhe: “Wanni Waaqayyo ajaje kanaa dha:
NUM 30:2 Namni tokko yoo Waaqayyoof waa wareege yookaan akka waan tokko hojjetu ofumaa isaatiin yoo kakate, inni kakuu ofii sana hin cabsin; qooda kanaa waan dubbate hunda guutuu qaba.
NUM 30:3 “Yoo intalli tokko utuma mana abbaa ishee jirtuu Waaqayyoof wareega wareegde yookaan waan tokko gochuudhaaf dirqama keessa seente,
NUM 30:4 yoo abbaan ishees waaʼee wareega ishee yookaan dirqama keessa seenuu ishee dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni isheettii fi dirqamni isheen seente sun hundi hin geeddaramu.
NUM 30:5 Yoo abbaan ishee waan kana dhagaʼee ishee dhowwe garuu wareega ishee yookaan kakuu isheen ittiin dirqama seente keessaa tokko iyyuu hin guutamu; sababii abbaan ishee ishee dhowweef Waaqayyo ishee ni bilisoomsa.
NUM 30:6 “Yoo isheen erga wareega seentee booddee yookaan erga dubbii utuu itti hin yaadin dubbatteen dirqama seentee booddee heerumte,
NUM 30:7 dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni ishee yookaan dirqamni isheen seente sun hin geeddaramu.
NUM 30:8 Garuu dhirsi ishee yoo yeroo waan kana dhagaʼutti ishee dhowwe, wareega ishee kan dirqama keessa ishee galchu yookaan waadaa isheen utuu itti hin yaadin dirqama keessa of galchite sana ishee jalaa diiga; Waaqayyos ishee bilisoomsa.
NUM 30:9 “Wareegni haadha hiyyeessaa yookaan dubartii dhirsa jalaa baatee, dirqamni isheen seente kam iyyuu ishee qabata.
NUM 30:10 “Yoo dubartiin dhirsa ishee wajjin jiraattu tokko wareega tokko wareegdee yookaan waan tokko gochuudhaaf kakuudhaan dirqama keessa of galchite,
NUM 30:11 dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheedhaan jechuu baate yookaan yoo ishee dhowwuu baate wareegni ishee yookaan waadaan isheen ittiin dirqama keessa of galchite sun hundi hin geeddaramu.
NUM 30:12 Garuu yoo dhirsi ishee yeroo waan kana dhagaʼutti ishee jalaa diige, wareega ishee yookaan waadaa afaan isheetii baʼe keessaa tokko iyyuu hojii irra hin oolu; sababii dhirsi ishee ishee jalaa diigeef, Waaqayyo ishee bilisoomsa.
NUM 30:13 Dhirsi ishee wareega isheen wareegdu yookaan waadaa isheen gad of qabuuf kakuudhaan seentu kam iyyuu fudhachuu yookaan diiguu ni dandaʼa.
NUM 30:14 Garuu yoo dhirsi ishee guyyuma guyyaan homaa isheen jechuu baate, inni wareega ishee yookaan dirqama ishee irra jiru hunda fudhateera jechuu dha. Inni sababii gaafa waaʼee waan kanaa dhagaʼe sana homaa isheedhaan hin jedhiniif waan sana fudhateera.
NUM 30:15 Taʼus inni yoo erga waaʼee waan kanaa dhagaʼee booddee waadaa sana diige yakka isheetti ni gaafatama.”
NUM 30:16 Isaan kunneen seerawwan dhirsaa fi niitii gidduu akkasumas abbaa fi intala isaa kan yeroo ijoollummaa isheetti mana isaa jirtu gidduu jiraachuu qabu kan Waaqayyo Musee ajajee dha.
NUM 31:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 31:2 “Saba Israaʼeliif jedhiitii warra Midiyaan irratti haaloo baʼi. Ergasii ati gara saba keetiitti walitti qabamta.”
NUM 31:3 Kana irratti Museen saba sanaan akkana jedhe; “Akka isaan warra Midiyaanitti duulanii haaloo Waaqayyoo isaan irratti baʼaniif namoota keessan keessaa muraasa hidhachiisaa.
NUM 31:4 Tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa nama kuma tokko tokkoo duulatti ergaa.”
NUM 31:5 Akkasitti tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa namoonni kumni tokko tokko walitti buufamanii namni kumni kudha lama lolaaf hidhate.
NUM 31:6 Museenis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama kuma tokko tokko Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa isa miʼa iddoo qulqulluutii fi malakata afuufamu harkatti qabate sana wajjin gara waraanaatti erge.
NUM 31:7 Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti warra Midiyaan lolanii dhiira hunda ajjeesan.
NUM 31:8 Mootonni Midiyaan shanan jechuunis Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaanis warra ajjeefaman keessa turan. Akkasumas Balaʼaam ilma Beʼoor goraadeedhaan ajjeesan.
NUM 31:9 Israaʼeloonni dubartootaa fi ijoollee warra Midiyaan boojiʼan; loon, bushaayee fi qabeenya isaanii hundas ni saaman.
NUM 31:10 Magaalaawwan Midiyaanonni keessa jiraatan hundaa fi qubatawwan isaanii hunda ibiddaan guban.
NUM 31:11 Isaanis waan boojiʼanii fi waan saaman hunda namaa fi horii illee fuudhanii
NUM 31:12 warra boojiʼan, waan qabatanii fi waan saaman gara iddoo qubata isaanii kan fuula Yerikoo dura, Yordaanos cina, dirreewwan Moʼaab keessa jiruutti gara Museetti, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara waldaa Israaʼelitti fidan.
NUM 31:13 Museen, Eleʼaazaar lubichii fi hooggantoonni waldaa hundi qubataan alatti isaan simachuuf gad baʼan.
NUM 31:14 Museenis ajajjuuwwan loltootaa jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kanneen lolaa galanitti aare.
NUM 31:15 Innis akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif dubartoota hunda hambiftan?
NUM 31:16 Kunoo warri waan Pheʼooritti taʼe sana keessatti gorsa Balaʼaam fudhachuudhaan akka dhaʼichi saba Waaqayyoo irra buʼuuf Israaʼeloota Waaqayyo irraa deebisan isaan turan.
NUM 31:17 Ammas ilmaan dhiiraa hunda fixaa; akkasumas dubartii dhiira wajjin ciifte hunda ajjeesaa.
NUM 31:18 Garuu dubara takkumaa dhiira wajjin hin ciisin ofii keessaniif hambifadhaa.
NUM 31:19 “Isin keessaa namni nama ajjeese kam iyyuu yookaan namni nama ajjeefame tuqe kam iyyuu bultii torba qubataan ala haa turu. Bultii sadaffaa fi bultii torbaffaattis ofii keessanii fi boojuu keessan qulqulleessaa.
NUM 31:20 Uffata hunda akkasumas waan gogaa irraa, rifeensa reʼee irraa yookaan muka irraa hojjetame hunda qulqulleessaa.”
NUM 31:21 Ergasiis Eleʼaazaar lubichi loltoota duula dhaqanii turan sanaan akkana jedhe; “Qajeelfamni seeraa kan Waaqayyo Museef kenne kanaa dha:
NUM 31:22 Warqee, meetii, naasii, sibiila, qorqorroo, dilaalii fi
NUM 31:23 wanni ibidda irraa hafuu dandaʼu kam iyyuu ibidda keessa dabarfamee qulqullaaʼuu qaba. Garuu wanni sun bishaan qulqullaaʼummaatiinis qulqulleeffamuu qaba. Wanni ibidda irra hafuu hin dandeenye kam iyyuu bishaan sanaan qulqulleeffama.
NUM 31:24 Guyyaa torbaffaatti uffata keessan miiccadhaa; isinis ni qulqulleeffamtu. Ergasii qubatatti galuu dandeessu.”
NUM 31:25 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 31:26 “Ati, Eleʼaazaar lubichii fi abbootiin maatii waldaa sanaa namootaa fi horii boojiʼaman lakkaaʼaa.
NUM 31:27 Boojuu sanas loltoota duula dhaqanii turanii fi waldaa hunda gidduutti iddoo lamatti qoodi.
NUM 31:28 Loltoota duulan irraa namas taʼu loon, harroota, hoolota yookaan reʼoota dhibba shan keessaa tokko Waaqayyoof gibira fuudhi.
NUM 31:29 Gibira sanas walakkaa qooda isaanii irraa fuudhii qooda Waaqayyoo godhiitii Eleʼaazaar lubichatti kenni.
NUM 31:30 Walakkaa qooda saba Israaʼel irraa immoo namas taʼu loon, harroota, hoolota, reʼoota yookaan horii biraa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenni.”
NUM 31:31 Musee fi Eleʼaazaar lubichi akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana godhan.
NUM 31:32 Wanti boojuu loltoonni fudhatan irraa hafe hoolota 675,000,
NUM 31:33 loon 72,000,
NUM 31:34 harroota 61,000,
NUM 31:35 dubartoonni takkumaa dhiira wajjin hin ciisin 32,000 turan.
NUM 31:36 Qoodni walakkaa kan warra duulaniif qoodame: Hoolota 337,500
NUM 31:37 keessaa gibirri Waaqayyoo 675 ture;
NUM 31:38 loon 36,000 keessaa gibirri Waaqayyoo 72 ture;
NUM 31:39 harroota 30,500 keessaa gibirri Waaqayyoo 61 ture;
NUM 31:40 nama 16,000 keessaa gibirri Waaqayyoo 32 ture.
NUM 31:41 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sanatti gibira sana qooda Waaqayyoo godhee Eleʼaazaar lubichatti kenne.
NUM 31:42 Qooda walakkaa kan Museen warra duulan irraa Israaʼelootaaf qoode:
NUM 31:43 Walakkaan boojuu kan waldaa sanaa hoolota 337,500,
NUM 31:44 loon 36,000,
NUM 31:45 harroota 30,500,
NUM 31:46 nama 16,000 ture.
NUM 31:47 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sanatti walakkaa saba Israaʼel irraa namaa fi horii shantama keessaa tokko fuudhee Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenne.
NUM 31:48 Ergasiis ajajjuuwwan loltoota kumaatama irratti aangoo qaban jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa gara Musee dhaqanii
NUM 31:49 akkana jedhaniin; “Nu garboonni kee loltoota ajaja keenya jala jiran lakkoofneerra; namni tokko iyyuu hin hirʼanne.
NUM 31:50 Kanaafuu nu waan tokkoon tokkoon keenya arganne jechuunis miʼa warqee, arboora, bitawoo, qubeelaa chaappaa, lootii fi amartii mormaa akka fuula Waaqayyoo duratti aarsaa araara nuu buusuuf kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu goonee fidneerra.”
NUM 31:51 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee fi faayawwan harkaan tolfaman hunda isaan harkaa fuudhan.
NUM 31:52 Warqeen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kennan kanneen Musee fi Eleʼaazaar akka kennaatti Waaqayyoof dhiʼeessan hundi saqilii 16,750 ulfaatu ture.
NUM 31:53 Tokkoon tokkoon loltootaa ofii isaaniitiif boojuu fudhatanii turan.
NUM 31:54 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee sana ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa harkaa fuudhanii akka Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti ittiin yaadatamaniif dunkaana wal gaʼiitti ol galchan.
NUM 32:1 Ilmaan Ruubeenii fi ilmaan Gaad warri loonii fi bushaayee hedduu qaban akka biyyi Yaʼizeerii fi biyyi Giliʼaad horii isaaniitiif tolu argan.
NUM 32:2 Isaan gara Musee, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara hooggantoota waldaa dhufanii akkana jedhan;
NUM 32:3 “Axaaroti, Diiboon, Yaʼizeer, Niimraa, Heshboon, Eleʼaalee, Sebaamaa, Neboo fi Beʼoon,
NUM 32:4 biyyi Waaqayyo fuula waldaa Israaʼel duratti rukute sun horiif tolaa dha; nu tajaajiltoonni kees horii qabna.
NUM 32:5 Yoo nu fuula kee duratti fudhatama argannee jiraanne biyyi kun nu tajaajiltoota keetiif handhuuraa taʼee haa kennamu. Akka nu Yordaanos gama ceenus hin godhin.”
NUM 32:6 Museenis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeeniin akkana jedhe; “Obboloonni keessan duula dhaqanii isin immoo as teessuu?
NUM 32:7 Isin maaliif akka Israaʼeloonni biyya Waaqayyo isaanii kenne sanatti ceʼanii hin galleef abdii isaan kutachiiftuu?
NUM 32:8 Kun waanuma abbootiin keessan gaafa ani akka isaan biyyattii ilaalaniif jedhee Qaadesh Barnee irraa isaan erge sana hojjetanii dha.
NUM 32:9 Isaanis erga gara Sulula Eshkool dhaqanii biyya sana arganii booddee akka Israaʼeloonni biyya Waaqayyo isaaniif kennetti hin galleef abdii isaan kutachiisan.
NUM 32:10 Dheekkamsi Waaqayyoos guyyuma sana bobaʼe; innis akkana jedhee kakate;
NUM 32:11 ‘Waan isaan garaa guutuudhaan na faana deemuu didaniif, namoota waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen biyya Gibxiitii baʼanii dhufan keessaa namni tokko iyyuu biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sana hin argu.
NUM 32:12 Kaaleb ilma Yefunee kan gosa Qeneezii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee namni tokko iyyuu hin argu; isaan lamaan garaa guutuudhaan Waaqayyo duukaa buʼaniiruutii.’
NUM 32:13 Dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼe; innis hamma dhaloonni fuula isaa duratti waan hamaa hojjete sun hundi dhumutti akka isaan waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran godhe.
NUM 32:14 “Yaa sanyii cubbamootaa nana, isin kunoo dheekkamsa Waaqayyoo kan Israaʼel irratti bobaʼe sana ittuma caalchisuuf iddoo abbootii keessanii buutaniirtu.
NUM 32:15 Yoo isin isa duukaa buʼuu irraa garagaltan inni ammas gammoojjii kana keessatti saba kana hunda ni dhiisa; isinis uummata kana ni balleessitu.”
NUM 32:16 Isaan gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Nu asitti horii keenyaaf dallaa, dubartootaa fi ijoollee keenyaaf immoo magaalaawwan ijaarra.
NUM 32:17 Nu garuu hamma lafa isaaniitiin isaan geenyutti hidhannee Israaʼel dura deemuuf qophaaʼoo dha. Yeroo kanatti akka jiraattoonni biyyattii isaan hin tuqneef dubartoonnii fi ijoolleen keenya magaalaawwan dallaa jabaa qaban keessa haa jiraatan.
NUM 32:18 Hamma tokkoon tokkoon Israaʼelootaa dhaala ofii isaanii argatanitti nu mana keenyatti hin deebinu.
NUM 32:19 Sababii dhaalli keenya laga Yordaanos irraa gara baʼaatti nuuf kennameef nu Yordaanos irraa gama kaaniin isaan wajjin waan dhaallu hin qabnu.”
NUM 32:20 Museenis akkana isaaniin jedhe; “Yoo isin waan kana gootan, yoo isin fuula Waaqayyoo duratti hidhattanii duulaaf kaatan,
NUM 32:21 yoo isin hundinuu hamma inni diinota ofii isaa fuula ofii isaa duraa ariʼee baasutti hidhattanii fuula Waaqayyoo dura Yordaanosin ceetan,
NUM 32:22 yeroo biyyattiin fuula Waaqayyoo duratti moʼatamtutti isin itti gaafatama Waaqayyoo fi saba Israaʼeliif qabdan irraa ni bilisoomtu. Biyyi sunis fuula Waaqayyoo duratti dhaala keessan taʼa.
NUM 32:23 “Garuu isin yoo waan kana gochuu baattan, kunoo Waaqayyotti cubbuu hojjechuu keessan; akka cubbuun keessan isin argatu illee beekkadhaa.
NUM 32:24 Dubartootaa fi ijoollee keessaniif magaalaawwan, bushaayee keessaniif immoo dallaa ijaaraa; isin garuu waan waadaa galtan sana guutaa.”
NUM 32:25 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen Museedhaan akkana jedhan; “Nu garboonni kee akkuma gooftaan keenya nu ajaju goona.
NUM 32:26 Ijoolleen keenyaa fi niitonni keenya, bushaayeen keenyaa fi loon keenya, asuma magaalaawwan Giliʼaaditti haa hafan.
NUM 32:27 Nu garboonni kee garuu tokkoon tokkoon keenya akkuma gooftaan keenya jedhe sana duulaaf qophoofnee fuula Waaqayyoo duratti duuluuf ni ceena.”
NUM 32:28 Ergasiis Museen waaʼee isaanii Eleʼaazaar lubichaaf, Iyyaasuu ilma Nuunitii fi abbootii maatii gosoota Israaʼeliif ajaja kenne.
NUM 32:29 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoo ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen, namni waraanaaf hidhate hundi fuula Waaqayyoo duratti isin wajjin Yordaanos ceʼe, yommuu biyyattiin isin harka galtutti biyya Giliʼaad sana kennaafii.
NUM 32:30 Garuu isaan yoo duulaaf hidhatanii isin wajjin ceʼuu baatan, Kanaʼaan keessatti isin wajjin lafa haa argatan.”
NUM 32:31 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeenis akkana jedhanii deebii kennan; “Nu garboonni kee waan Waaqayyo jedhe ni goona.
NUM 32:32 Nu miʼa lolaa hidhannee fuula Waaqayyoo dura ceenee Kanaʼaan seenna; garuu qabeenyi nu dhaallu Yordaanosiin gamatti nuuf haa hafu.”
NUM 32:33 Museenis mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa fi mootummaa Oogi mootii Baashaan jechuunis biyya sana guutuu magaalaawwan isaaniitii fi bulchiinsa naannoo isaanii jiru sana ilmaan Gaadiitiif, ilmaan Ruubeeniitii fi walakkaa gosa Minaasee ilma Yoosefiif kenne.
NUM 32:34 Ilmaan Gaadis magaalaawwan Diiboon, Axaaroti, Aroʼeer,
NUM 32:35 Atroot Shoofaan, Yaʼizeer, Yogbihaa,
NUM 32:36 Beet Niimraa fi Beet haaraan magaalaawwan jajjaboo godhanii ijaaran. Bushaayee isaaniitiifis dallaa ijaarratan.
NUM 32:37 Ilmaan Ruubeenis magaalaawwan Heshboon, Eleʼaaleenii fi Kiriyaataayim,
NUM 32:38 akkasumas Neboo fi Baʼaal Meʼoon jechuunis magaalaawwan maqaan isaanii geeddaramee fi Sibimaa deebisanii ijaaran. Isaanis magaalaawwan deebisanii ijaaran sanaaf maqaa baasan.
NUM 32:39 Ijoolleen Maakiir ilma Minaasees gara Giliʼaad dhaqanii biyyattii qabatanii Amoorota achi turan ariʼanii baasan.
NUM 32:40 Museenis Giliʼaadin ijoollee Maakiir sanyii Minaaseetiif kenne; isaanis achi qubatan.
NUM 32:41 Yaaʼiir ilmi Minaasees dhaqee gandoota isaanii fudhatee gandoota Yaaʼiirootaa jedhee moggaase.
NUM 32:42 Noobaan immoo Qeenaatii fi gandoota naannoo isaa jiran qabatee Noobaa jedhee maqaa ofii isaatiin waame.
NUM 33:1 Sadarkaaleen adeemsa saba Israaʼel kan yeroo isaan kutaa kutaadhaan qajeelfama Museetii fi Aroon jalatti biyya Gibxii baʼanii kana.
NUM 33:2 Museen ajaja Waaqayyootiin sadarkaalee adeemsa isaanii galmeesse. Adeemsi isaaniis sadarkaa sadarkaadhaan kunoo ti:
NUM 33:3 Israaʼeloonni jiʼa jalqabaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa Faasiikaatti aanu Raamseedhaa kaʼanii qajeelan. Isaanis utuma warri Gibxii hundi isaan arganuu irree jabaadhaan deeman;
NUM 33:4 yeroo kana warri Gibxi ilmaan hangafa isaanii kanneen Waaqayyo isaan gidduudhaa fixe hunda awwaallachaa turan; waaqota warra Gibxitti Waaqayyo muree tureetii.
NUM 33:5 Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukooti qubatan.
NUM 33:6 Sukootii kaʼanii Eetaam ishee qarqara gammoojjiitti argamtu keessa qubatan.
NUM 33:7 Eetaamii kaʼanii gara Phii Hahiiroti kan gama baʼa Baʼaal Zefooniitti argamtuutti garagalanii Migdool bira qubatan.
NUM 33:8 Fiihahiirootii kaʼanii galaana keessa darbanii gammoojjii seenan; isaanis Gammoojjii Eetaamii keessa bultii sadii deemanii Maaraa qubatan.
NUM 33:9 Maaraadhaa kaʼanii Eelim lafa burqaa kudha lamaa fi muka meexxii torbaatama qabu sana dhaqanii achi qubatan.
NUM 33:10 Eelimii kaʼanii Galaana Diimaa cina qubatan.
NUM 33:11 Galaana Diimaadhaa kaʼanii Gammoojjii Siin keessa qubatan.
NUM 33:12 Gammoojjii Siiniitii kaʼanii Dofqaa qubatan.
NUM 33:13 Dofqaadhaa kaʼanii Aaluush qubatan.
NUM 33:14 Aaluushii kaʼanii Refiidiim lafa bishaan namni dhugu hin jirre qubatan.
NUM 33:15 Refiidiimii kaʼanii Gammoojjii Siinaa keessa qubatan.
NUM 33:16 Gammoojjii Siinaatii kaʼanii Qiibrooti Hataabaa qubatan.
NUM 33:17 Qiibrooti Hataabaadhaa kaʼanii Haxerooti qubatan.
NUM 33:18 Haxerootii kaʼanii Riitmaa qubatan.
NUM 33:19 Riitmaadhaa kaʼanii Rimoon Phereez qubatan.
NUM 33:20 Rimoon Phereezii kaʼanii Libnaa qubatan.
NUM 33:21 Libnaadhaa kaʼanii Riisaa qubatan.
NUM 33:22 Riisaadhaa kaʼanii Qehelaataa qubatan.
NUM 33:23 Qehelaataadhaa kaʼanii Gaara Shaafer bira qubatan.
NUM 33:24 Gaara Shaafer biraa kaʼanii Haraadaa qubatan.
NUM 33:25 Haraadaa kaʼanii Maqiheelooti qubatan.
NUM 33:26 Maqiheelootii kaʼanii Tahaati qubatan.
NUM 33:27 Tahaatii kaʼanii Taaraa qubatan.
NUM 33:28 Taaraadhaa kaʼanii Miitiqaa qubatan.
NUM 33:29 Miitiqaadhaa kaʼanii Hashmoonaa qubatan.
NUM 33:30 Hashmoonaadhaa kaʼanii Mooserooti qubatan.
NUM 33:31 Mooserootii kaʼanii Benee Yaaʼakaan qubatan.
NUM 33:32 Benee Yaaʼakaanii kaʼanii Hoori Hagidgaad qubatan.
NUM 33:33 Hoori Hagidgaadii kaʼanii Yoxbaataa qubatan.
NUM 33:34 Yoxbaataadhaa kaʼanii Abroonaa qubatan.
NUM 33:35 Abroonaadhaa kaʼanii Eziyoon Geber qubatan.
NUM 33:36 Eziyoon Geberii kaʼanii Gammoojjii Siin keessa Qaadesh qubatan.
NUM 33:37 Qaadeshii kaʼanii daarii biyya Edoom irra Tulluu Hoori bira qubatan.
NUM 33:38 Aroon lubichis ajaja Waaqayyootiin Tulluu Hooriitti ol baʼe; innis erga Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼanii booddee waggaa afurtamaffaatti guyyaa jalqaba jiʼa shanaffaatti achitti duʼe.
NUM 33:39 Aroon yommuu Tulluu Hoori irratti duʼe sana umuriin isaa waggaa dhibba tokkoo fi digdamii sadii ture.
NUM 33:40 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraachaa ture sun akka sabni Israaʼel dhufaa jiru dhagaʼe.
NUM 33:41 Isaanis Tulluu Hooriitii kaʼanii Zalmoonaa qubatan.
NUM 33:42 Zalmoonaadhaa kaʼanii Phuunon qubatan.
NUM 33:43 Phuunoniidhaa kaʼanii Oobooti qubatan.
NUM 33:44 Oobootii kaʼanii daarii Moʼaab irra Iyyee Abaariim qubatan.
NUM 33:45 Iyyiimii kaʼanii Diiboongaad qubatan.
NUM 33:46 Diiboongaadii kaʼanii Almoon Diiblaatayim qubatan.
NUM 33:47 Almoon Diiblaatayimii kaʼanii Neboo tulluuwwan Abaariim bira qubatan.
NUM 33:48 Tulluuwwan Abaariimiitii kaʼanii dirreewwan Moʼaab irra, Yordaanos bira, Yerikoo gama qubatan.
NUM 33:49 Isaanis dirreewwan Moʼaab kan Yordaanos cina Beet Yashiimootii jalqabee hamma Abeel Shixiimiitti jiru sana irra qubatan.
NUM 33:50 Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
NUM 33:51 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Isin yommuu Yordaanos ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
NUM 33:52 jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa.
NUM 33:53 Sababii ani biyyattii handhuuraa godhee isinii kenneef, biyyattii dhuunfadhaa keessa jiraadhaa.
NUM 33:54 Biyya sanas maatiiwwan keessaniif dhaala godhaatii ixaadhaan gargari qoodaa; maatii baayʼeedhaaf dhaala guddaa, maatii muraasaaf immoo dhaala xinnaa kennaa. Iddoon ixaadhaan isaanii baʼe kan isaanii taʼa. Isinis akkuma gosoota abbootii keessaniitti dhaalaa.
NUM 33:55 “ ‘Garuu yoo isin warra biyya sana jiraatan achii baasuu baattan, warri isin akka isaan achi jiraataniif dhiiftan sun akka huuba ija keessaatii fi akka qoraattii cinaacha keessaa isinitti taʼu. Biyya isin keessa jiraattan keessattis isin rakkisu.
NUM 33:56 Anis waanan isaan gochuu yaade sana isinitti nan fida.’ ”
NUM 34:1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 34:2 “Akkana jedhii Israaʼeloota ajaji: ‘Yeroo isin Kanaʼaan seentanitti biyyi akka dhaalaatti isinii kennamtu sun daangaawwan kanneen qabaatti:
NUM 34:3 “ ‘Daangaan keessan kan gama kibbaa Gammoojjii Siin kan qarqara Edoom irra jirtu irraa jalqaba; karaa baʼaatiin daangaan keessan kan kibbaa dhuma Galaana Soogiddaa irraa jalqaba;
NUM 34:4 daangaan keessan kibba irraa gara tabba Aqrabiimitti deebiʼee, gara Siinitti ceʼee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis gara Hazar Adaaritti ittuma fufee gara Azimoonitti darba.
NUM 34:5 Daangaan sunis Azimoon irraa gara laga Gibxitti deebiʼee galaana gaʼee dhuma.
NUM 34:6 Daangaan keessan kan gama dhiʼaa immoo qarqara Galaana guddichaa ti. Kunis gama dhiʼaatiin daangaa keessan taʼa.
NUM 34:7 Daarii keessan kan kaabaatiif galaana guddaadhaa hamma Tulluu Huuritti,
NUM 34:8 Tulluu Huuriitii hamma Leeboo Hamaatiitti mallattoo tolchaa. Daariin sunis hamma Zedaaditti deemee
NUM 34:9 hamma Ziifronitti itti fufee Hazar Eenaan irratti dhuma. Kunis daarii keessan kan kaabaa taʼa.
NUM 34:10 Daarii keessan kan baʼaatiifis Hazar Eenaanii jalqabaatii hamma Shefaamaatti mallattoo tolchaa.
NUM 34:11 Daariin sunis Shefaamaa jalqabee karaa baʼa Aayiniitiin hamma Riibilaatti gad buʼa; itti fufees hamma ededa gama baʼaa Galaana Kinereetitti argamuutti deema.
NUM 34:12 Daariin kunis Yordaanositti gad buʼee Galaana Soogiddaa gaʼee dhaabata.
NUM 34:13 Museen akkana jedhee Israaʼeloota ajaje: “Biyya kana dhaala godhadhaatii ixaadhaan qoodadhaa; Waaqayyo akka biyyi kun gosa sagalii fi walakkaadhaaf kennamu ajajeera;
NUM 34:14 maatiiwwan gosa Ruubeen, kan gosa Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala ofii fudhataniiruutii.
NUM 34:15 Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosa tokkoo Yordaanos gamaa, fuullee Yerikootii gara baʼa biiftuutti karaa baʼaatiin dhaala isaanii argataniiru.”
NUM 34:16 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
NUM 34:17 “Maqaan namoota akka dhaalaatti lafa kana isinii qoodaniis Eleʼaazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuunii ti.
NUM 34:18 Isinis akka isaan lafa dhaalaa qoodaniif tokkoo tokkoo gosaa keessaa hoogganaa tokko filadhaa.
NUM 34:19 “Maqaan isaaniis kanneenii dha: “Gosa Yihuudaa keessaa, Kaaleb ilma Yefunee;
NUM 34:20 gosa Simiʼoon keessaa, Shemuuʼeel ilma Amiihuud;
NUM 34:21 gosa Beniyaam keessaa, Eliidaad ilma Kisloon;
NUM 34:22 gosa Daan keessaa hoogganaan, Bukii ilma Yoogilii;
NUM 34:23 gosa Minaasee ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Haniiʼeel ilma Eefoodi;
NUM 34:24 gosa Efreem ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Qamuʼeel ilma Shiifxaan;
NUM 34:25 gosa Zebuuloon keessaa hoogganaan, Eliisaafaan ilma Phaarnaak;
NUM 34:26 gosa Yisaakor keessaa hoogganaan, Phaaltiiʼeel ilma Azaan;
NUM 34:27 gosa Aasheer keessaa hoogganaan, Ahiihuud ilma Sheloomii;
NUM 34:28 gosa Niftaalem keessaa hoogganaan, Phedaaʼeel ilma Amiihuud.”
NUM 34:29 Namoonni kunneen warra Waaqayyo akka isaan biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelootaaf dhaala hiraniif isaan ajajee dha.
NUM 35:1 Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
NUM 35:2 “Israaʼeloonni dhaala ofii isaaniitii argachuuf jiran keessaa magaalaawwan Lewwonni keessa jiraatan akka isaanii kennan Israaʼeloota ajaji. Lafa horii itti bobbaafatanis naannoo magaalaawwaniitti haa kennaniif.
NUM 35:3 Isaanis magaalaawwan keessa jiraatanii fi lafa itti loon isaaniitii fi horii isaanii kaan hunda bobbaafatan ni qabaatu.
NUM 35:4 “Lafti horiin itti bobbaʼu kan isin naannoo magaalaawwaniitti Lewwotaaf kennitan sun dallaa magaalaa irraa jalqabee gama hundaan dhundhuma kuma tokko achi balʼata.
NUM 35:5 Magaalaa sana gidduutti hambisuudhaan karaa alaatiin gama baʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kibbaatiin dhundhuma kuma lama, gama dhiʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kaabaatiin immoo dhundhuma kuma lama safaraa. Iddoowwan kunneen magaalaawwan sanaaf iddoowwan itti horii bobbaafatan taʼu.
NUM 35:6 “Magaalaawwan jaʼan isin Lewwotaaf kennitan magaalaawwan itti baqatan kanneen namni nama ajjeese itti baqatu taʼu. Magaalaawwan afurtamii lamas kanatti dabalaatii isaanii kennaa.
NUM 35:7 Walumaa galatti magaalaawwan afurtamii saddeet kanneen lafa tika ofii isaanii qaban Lewwotaaf kennaa.
NUM 35:8 Magaalaawwan isin lafa Israaʼeloonni dhaalan irraa Lewwotaaf kennitan, akkuma qooda dhaala tokkoo tokkoo gosaatti haa taʼu; gosa dhaala baayʼee qabu irraa magaalaawwan baayʼee, gosa dhaala muraasa qabu irraa immoo magaalaawwan xinnoo fuudhaa.”
NUM 35:9 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe:
NUM 35:10 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin yommuu Yordaanosin ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
NUM 35:11 akka isin magaalaawwan itti baqatan kanneen namni tasa nama ajjeese itti baqatu isinii taʼaniif magaalaawwan filadhaa.
NUM 35:12 Magaalaawwan kunneenis akka namni nama ajjeesuudhaan himatame utuu murtii argachuuf waldaa duratti hin dhiʼaatin hin duuneef iddoo inni itti nama haaloo isa baʼu jalaa baqatu taʼu.
NUM 35:13 Magaalaawwan isin kennitan jaʼan kunneenis magaalaawwan itti baqattan isinii taʼu.
NUM 35:14 Yordaanos gamanaan magaalaawwan sadii, Kanaʼaan keessaa immoo magaalaawwan sadii, magaalaawwan itti baqatan godhaa kennaa.
NUM 35:15 Magaalaawwan jaʼan kunneen akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼelootaaf, alagootaa fi saba isaan gidduu jiraatuuf iddoo itti baqatan taʼu.
NUM 35:16 “ ‘Namni tokko yoo meeshaa sibiilaatiin nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
NUM 35:17 Yookaan namni tokko yoo dhagaa nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee ajjeese, inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
NUM 35:18 Yookaan namni tokko yoo meeshaa mukaa kan nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
NUM 35:19 Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana haa ajjeesu; inni yommuu argatutti isa haa ajjeesu.
NUM 35:20 Namni tokko yoo jibbaan nama darbatee lafaan dhaʼee yookaan beekaa waa itti darbachuudhaan isa ajjeese,
NUM 35:21 yookaan yoo diinummaadhaan kaʼee harkaan isa dhaʼee namichi sun duʼe, inni nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba; inni nama gumaa ti. Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana yeroo argatutti isa haa ajjeesu.
NUM 35:22 “ ‘Garuu inni yoo utuu diinummaa hin qabaatin tasa nama darbatee lafaan dhaʼe yookaan utuu hin beekin waan tokko isatti darbatee
NUM 35:23 yookaan utuu isa hin argin dhagaa isa ajjeesuu dandaʼu itti gad dhiisee namichi sun duʼe, inni waan diina isaa hin taʼinii fi isa miidhuuf hin yaadiniif
NUM 35:24 waldaan sun akkuma seera kanneeniitti namicha nama ajjeese sanaa fi isa haaloo dhiigaa baʼu sana gidduutti murtii haa kennu.
NUM 35:25 Waldaan sun namicha nama ajjeesuudhaan himatame sana harka namicha haaloo dhiigaa baʼu sanaa jalaa baasee magaalaa inni itti baqatee ture sanatti deebisee isa haa ergu. Innis hamma lubni ol aanaan zayitii qulqulluudhaan dibame sun duʼutti achuma haa turu.
NUM 35:26 “ ‘Taʼus yoo namichi nama ajjeese sun daarii magaalaa itti baqate sanaa keessaa baʼee
NUM 35:27 namichi haaloo dhiigaa baʼu sun magaalaa sanaan alatti isa argate, namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha himatame sana ajjeesuu dandaʼa; yakka ajjeechaa sanaattis hin gaafatamu.
NUM 35:28 Namichi nama ajjeese sun hamma lubni ol aanaan sun duʼutti magaalaa itti baqate keessa turuu qaba; inni erga lubichi ol aanaan duʼee booddee gara qabeenya isaatti deebiʼuu dandaʼa.
NUM 35:29 “ ‘Isaan kunneenis dhaloota dhufu keessatti lafa isin jiraattan kamitti iyyuu seeraa fi qajeelfama isiniif haa taʼan.
NUM 35:30 “ ‘Namni kam iyyuu yoo nama ajjeese namichi sun ragaa dhugaa baatonni kennaniin ajjeefama. Taʼus namni kam iyyuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan hin ajjeefamin.
NUM 35:31 “ ‘Namicha nama ajjeesee duuti isaaf malu tokko irraa gumaa lubbuu hin fudhatinaa. Inni ajjeefamuu qaba.
NUM 35:32 “ ‘Akka inni utuu lubichi ol aanaan hin duʼin dura biyya ofii isaatti deebiʼee achi jiraatu eeyyamuuf jettanii nama gara magaalaa itti baqataniitti baqate kamiif iyyuu gumaa hin fudhatinaa.
NUM 35:33 “ ‘Sababii dhangalaafamuun dhiigaa biyya xureessuuf, isin biyya keessa jiraattan sana hin xureessinaa; dhiiguma namicha dhiiga dhangalaase sanaatiin malees biyya dhiigni itti dhangalaafame sanaaf araarri hin buufamu.
NUM 35:34 Biyya isin keessa jirtan iddoo ani jiraadhu sana hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Israaʼeloota gidduu nan jiraadhaatii.’ ”
NUM 36:1 Abbootiin maatii ilmaan Giliʼaad ilma Maakiir, ilma Minaasee kanneen maatiiwwan ilmaan Yoosef keessaa dhufan sun fuula Museetii fi fuula hooggantoota abbootii maatiiwwan saba Israaʼel duratti dhiʼaatanii dubbatan;
NUM 36:2 akkanas jedhan; “Akka ati biyyattii dhaala gootee ixaadhaan saba Israaʼeliif kennituuf Waaqayyo Gooftaa koo ajajeera; akkasumas akka ati dhaala obboleessi keenya Zelofehaad intallan isaatiif kennitu inni si ajajeera.
NUM 36:3 Garuu yoo isaan ilmaan gosoota saba Israaʼel kaanitti heeruman dhaalli isaanii dhaala abbootii keenyaa keessaa fuudhamee dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama. Yoos dhaala ixaadhaan nuu qoodame irraa gariin isaa ni fuudhama.
NUM 36:4 Yommuu Waggaan Iyyoobeeliyyuu kan saba Israaʼel dhufutti dhaalli isaanii sun dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama; dhaalli isaaniis dhaala gosa abbootii keenyaa irraa fudhatama.”
NUM 36:5 Kana irratti Museen akkuma Waaqayyo dubbate sana akkana jedhee saba Israaʼel ajaje: “Wanni gosti ilmaan Yoosef jedhu sirrii dha.
NUM 36:6 Wanni Waaqayyo waaʼee intallan Zelofehaad ajaje kanaa dha: Isaan gosa abbaa isaanii qofa keessaa haa taʼu malee nama jaallatanitti haa heeruman.
NUM 36:7 Sababii tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala gosa abbaa isaa irraa argatu jabeessee qabatuuf, dhaalli ilmaan Israaʼel gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.
NUM 36:8 Akka tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala abbootii isaa argatuuf, gosa ilmaan Israaʼel keessaa intalli dhaala argattu kam iyyuu gosa abbaa ishee keessaa nama tokkotti heerumuu qabdi.
NUM 36:9 Sababii tokkoon tokkoon gosa ilmaan Israaʼel dhaala ofii isaa jabeessee qabatuuf, dhaalli tokko iyyuu gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.”
NUM 36:10 Intallan Zelofehaad akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana godhan.
NUM 36:11 Intallan Zelofehaad Mahilaan, Tiirzaan, Hoglaan, Miilkaa fi Nohi ilmaan obboloota abbaa isaaniitti heeruman.
NUM 36:12 Isaanis maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yoosef keessatti waan heerumaniif dhaalli isaanii gosa maatii abbaa isaanii harkatti hafe.
NUM 36:13 Ajajawwanii fi murtiiwwan Waaqayyo dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti karaa Museetiin ilmaan Israaʼeliif kenne kanneenii dha.
DEU 1:1 Dubbiin kun dubbii Museen yeroo isaan gammoojjii gama baʼa Yordaanositti, Arabbaa fuullee Suufitti argamu sana keessa, Phaaraanii fi Toofel, Laabaan, Haxerootii fi Diizaahaab gidduu turanitti Israaʼeloota hundatti dubbatee dha.
DEU 1:2 Kooreebii karaa Tulluu Seeʼiiriin Qaadesh Barnee gaʼuuf guyyoota kudha tokko fudhata.
DEU 1:3 Museenis waggaa afurtamaffaa keessa guyyaa tokkoffaa jiʼa kudha tokkoffaatti waan Waaqayyo waaʼee isaanii isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime.
DEU 1:4 Kunis erga inni Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture moʼatee Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture illee Edreyiitti moʼatee booddee dha.
DEU 1:5 Baʼa Yordaanositti biyya Moʼaab keessatti Museen akkana jedhee seera kana ibsuu jalqabe:
DEU 1:6 Waaqayyo Waaqni keenya Kooreebitti akkana nuun jedhe; “Isin tulluu kana bira yeroo dheeraa turtaniirtu.
DEU 1:7 Qubata buqqisaa kaʼaatii gara biyya gaaraa Amoorotaatti deemsa keessan itti fufaa; ergasiis saboota naannoo Arabbaatti argaman hunda keessa, biyya tulluuwwanii keessa, biyyoota gama dhiʼaatiin cina tulluuwwaniitti argaman keessa, Negeebii fi qarqara galaanaa, biyya Kanaʼaanotaatii fi Libaanoon keessa hamma laga Efraaxiis guddichaatti argaman keessa deemaa.
DEU 1:8 Kunoo, ani biyya kana isiniif kenneera. Biyya Waaqayyo abbootii keessaniif jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqiif, Yaaqoobii fi sanyii isaanii warra isaaniin duubaatiif kennuuf kakate sanatti galaatii dhaalaa.”
DEU 1:9 Ani yeroo sanatti akkanan isiniin jedhe; “Ani kophaa koo isin baachuu hin dandaʼu.
DEU 1:10 Waaqayyo Waaqni keessan isin baayʼiseera; kunoo, isin harʼa akkuma urjiiwwan samii baayʼattaniirtu.
DEU 1:11 Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii yeroo kuma isin haa baayʼisu; akkuma abdii kenne sanattis isin haa eebbisu!
DEU 1:12 Ani garuu akkamitti kophaa koo rakkina keessan, baʼaa keessanii fi wal mormii keessan baachuu dandaʼaa?
DEU 1:13 Tokkoo tokkoo gosoota keessanii keessaa namoota ogeeyyii, hubattootaa fi kabajamoo filadhaa; anis isin irratti bulchitoota isaan nan taasisa.”
DEU 1:14 Isinis, “Wanni ati dhiʼeessite gaarii dha” jettanii naaf deebiftan.
DEU 1:15 Ani hangafoota gosoota keessanii jechuunis namoota ogeeyyii fi kabajamoo fudhadhee akka isaan ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii taʼanii isin irratti aangoo qabaatan nan muude.
DEU 1:16 Anis yeroo sanatti akkana jedhee abbootii murtii keessan nan ajaje; “Mormii obboloota keessan gidduutti kaʼu dhagaʼaa; yoo wal mormiin kaʼu sun Israaʼeloota obboloota gidduutti yookaan nama Israaʼel tokkoo fi alagaa tokko gidduutti taʼe murtii qajeelaa kennaa.
DEU 1:17 Murtii kennuu keessatti nama wal hin caalchisinaa; guddaas xinnaas wal qixxee dhagaʼaa. Sababii murtiin kan Waaqaa taʼeef eenyuun iyyuu hin sodaatinaa. Waan humna keessanii ol taʼe natti fidaa; anis nan ilaalaa.”
DEU 1:18 Ani yeroo sanatti waan isin gochuu qabdan hunda isin ajajeera.
DEU 1:19 Nus ergasii akkuma Waaqayyo Waaqni keenya nu ajajetti Kooreebii kaanee gammoojjii guddaa fi sodaachisaa isin argitan sana keessa dabarree gara biyya gaaraa Amoorotaa dhaqne; akkasiinis Qaadesh Barnee geenye.
DEU 1:20 Anis akkana isiniin jedhe; “Isin biyya gaaraa Amoorotaa kan Waaqayyo Waaqni keenya nuu kennu geessaniirtu.
DEU 1:21 Kunoo, Waaqayyo Waaqni keessan biyyattii isiniif kenneera. Dhaqaatii akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isinitti hime sanatti ishee dhaalaa; hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa.”
DEU 1:22 Ergasiis hundi keessan na bira dhuftanii, “Akka isaan biyyattii nuu basaasaniif duraan dursinee namoota erganna; isaanis waaʼee karaa achi nu geessuutii fi magaalaawwan nu itti dhufnuu oduu nuu fidu” jettan.
DEU 1:23 Yaadni sunis gaarii natti fakkaate; ani kudha lamaan keessan jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko nan filadhe.
DEU 1:24 Isaanis kaʼanii biyya gaaraatti ol baʼanii Sulula Eshkool gaʼanii biyyattii basaasan.
DEU 1:25 Ija biyyattii keessaas waa fidanii dhufanii, “Biyyi Waaqayyo Waaqni keenya nuuf kennu kun gaarii dha” jedhanii nutti himan.
DEU 1:26 Isin garuu dhaquu diddanii ajaja Waaqayyo Waaqa keessaniitti finciltan.
DEU 1:27 Dunkaana keessan keessattis akkana jettanii guungumtan; “Waaqayyo nu jibba; kanaafuu biyya Gibxiitii nu baasuun isaatuu akka isaan nu balleessaniif harka Amoorotaatti dabarsee nu kennuuf.
DEU 1:28 Egaa nu eessa dhaquu dandeenya? Obboloonni keenya, ‘Jarri nu caalaa jajjaboo fi hojjaan isaanii dhedheeraa dha; magaalaawwan isaaniis gurguddaa fi dallaawwan samii gaʼaniin marfamaniiru; kana biratti immoo ilmaan Anaaq argineerra’ jedhanii nu sodaachisan.”
DEU 1:29 Anis akkanan isiniin jedhe; “Hin rifatinaa; isaan hin sodaatinaa.
DEU 1:30 Waaqayyo Waaqni keessan kan fuula keessan dura deemu kun akkuma ija keessan duratti biyya Gibxi keessatti isinii godhe sana isiniif ni lola;
DEU 1:31 gammoojjii keessattis akkasuma. Hamma as geessanittis karaa deemtan hundatti akkamitti akka Waaqayyo Waaqni keessan akkuma abbaan ilma isaa baatutti isin baate argitaniirtu.”
DEU 1:32 Taʼus isin Waaqayyo Waaqa keessan
DEU 1:33 isa iddoo isin qubattan barbaaduu fi daandii isin deemuu qabdan isin argisiisuudhaaf jedhee halkan ibiddaan, guyyaa immoo duumessaan isin dura deemee isin qajeelchaa ture hin amananne.
DEU 1:34 Waaqayyos yommuu waan isin jettan dhagaʼetti dheekkamee akkana jedhee kakate:
DEU 1:35 “Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko iyyuu biyya gaarii ani akka abbootii keessaniif kennu kakuu gale sana hin argu;
DEU 1:36 Kaaleb ilma Yefunee sana malee kan argu hin jiru. Inni biyya sana ni arga; sababii inni garaa guutuudhaan Waaqayyo duukaa buʼeef ani lafa inni miilla isaa irra dhaabbate sana isaa fi sanyii isaatiif nan kenna.”
DEU 1:37 Sababii keessaniif Waaqayyo natti illee dheekkamee akkana jedhe; “Ati iyyuu itti hin galtu.
DEU 1:38 Gargaaraan kee Iyyaasuun ilmi Nuuni garuu itti gala. Inni waan Israaʼeloota biyyattii dhaalchisuuf isa jajjabeessi.
DEU 1:39 Daaʼimman isin ni boojiʼaman jettan, ilmaan keessan kanneen waan tolaa fi hamaa gargar baasanii hin beekne biyya sanatti ni galu. Ani isaaniifan kenna; isaanis ni dhaalu.
DEU 1:40 Isin garuu duubatti deebiʼaatii daandii gara Galaana Diimaatti geessu qabadhaatii gammoojjiitti qajeelaa.”
DEU 1:41 Isinis, “Nu Waaqayyotti cubbuu hojjenneerra. Dhaqnee akkuma Waaqayyo Waaqni keenya nu ajajetti lolla” jettanii deebiftan. Biyya gaaraa dhaquun waan salphaa isinitti fakkaatee akkasiin tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa qabattanii kaatan.
DEU 1:42 Waaqayyo garuu, “ ‘Waan ani isin wajjin hin jirreef lolaaf hin baʼinaa. Isin diinota keessaniin ni moʼatamtu’ jedhii isaanitti himi” naan jedhe.
DEU 1:43 Anis akkasuman isinitti hime; isin garuu na hin dhageenye. Ajaja Waaqayyootti finciltanii of tuulummaa keessaniin biyya gaaraatti duultan.
DEU 1:44 Amooronni gaarran irra jiraatan isinitti dhufan; isaanis akkuma tuuta kanniisaatti baʼanii isin gugsan; Seeʼiirii hamma Hormaatti isin dhaʼan.
DEU 1:45 Isin deebitanii dhuftanii fuula Waaqayyoo duratti boossan; inni garuu booʼicha keessan hin dhageenye; gurra isaas isiniif hin kennine.
DEU 1:46 Akka yeroo isin achi jiraattaniitti, guyyoonni isin Qaadesh keessa jiraattan baayʼee dha.
DEU 2:1 Ergasii akkuma Waaqayyo natti himetti, duubatti deebinee karaa Galaana Diimaatiin gara gammoojjiitti qajeelle; yeroo dheeraadhaafis naannoo biyya gaaraa Seeʼiir keessa joorre.
DEU 2:2 Waaqayyos akkana naan jedhe;
DEU 2:3 “Biyya gaaraa kana naannaʼuun isin gaʼa; gara kaabaatti garagalaa.
DEU 2:4 Saba kana akkana jedhii ajaji: ‘Isin biyya obboloota keessan sanyiiwwan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraatanii keessa darbitu. Isaan isin sodaatu; isin garuu jabeessaa of eeggadhaa.
DEU 2:5 Lolaaf isaan hin kakaasinaa; ani lafa isaanii irraa iddoo isin miilla keessan irra dhaabbattan illee isiniif hin kennuutii. Ani biyya gaaraa Seeʼiir dhaala godhee Esaawuuf kenneera.
DEU 2:6 Nyaata achii nyaattanii fi bishaan dhugdaniif maallaqa baaftuuf.’ ”
DEU 2:7 Waaqayyo Waaqni keessan waan isin hojjettan hundaan isin eebbiseera. Inni deemsa dheeraa isin gammoojjii balʼaa kana keessa deemtan irratti isin eegeera. Waaqayyo Waaqni keessan waggoota afurtamman kanneen isin wajjin ture; isinis waan tokko illee hin dhabne.
DEU 2:8 Obboloota keenya ilmaan Esaawu warra Seeʼiir keessa jiraatan bira dabarree deemne. Nus daandii Arabbaa kan Eelaatii fi Eziyoon Geberii dhufu irraa garagallee karaa daandii gammoojjii Moʼaab deemne.
DEU 2:9 Ergasiis Waaqayyo akkana naan jedhe; “Waan ani lafa Moʼaab irraa isiniif hin kennineef akkasumaan isaan hin rakkisinaa; waraanaafis isaan hin kakaasinaa. Ani Aarin dhaala godhee sanyii Looxiif kenneeraatii.”
DEU 2:10 Eemiimoonni achi jiraachaa turan; isaanis namoota jajjaboo fi baayʼee dha; akkuma Anaaqotaas dhedheeroo turan.
DEU 2:11 Isaan kunneenis akkuma Anaaqotaa, Refaayimoota jedhamanii hedamu turan; Moʼaabonni garuu Eemiimoota jedhuun.
DEU 2:12 Huuronni kunneen Seeʼiir keessa jiraachaa turan; ilmaan Esaawu garuu ariʼanii achii isaan baasan. Isaanis akkuma Israaʼeloonni biyya Waaqayyo dhaala isaaniif kenne sana keessatti godhan sana Hoorota achii balleessanii ofii isaaniitii biyya jaraa keessa qubatan.
DEU 2:13 Waaqayyo, “Ammuma kaʼaatii Laga Zered ceʼaa” nuun jedhe. Nu laga sana ceene.
DEU 2:14 Yeroo nu Qaadesh Barnee kaanee jalqabee hamma laga Zered ceenutti waggaa soddomii saddeet fudhate. Akkuma Waaqayyo isaanitti kakatetti dhaloonni dhiira waraanaa hundi yeroo sanatti qubata keessaa dhume.
DEU 2:15 Harki Waaqayyoos qubata keessaa isaan balleessuudhaaf isaan irra ture.
DEU 2:16 Yeroo loltoonni hundi saba keessaa dhumanitti,
DEU 2:17 Waaqayyo akkana naan jedhe;
DEU 2:18 “Ati harʼa daarii Moʼaab, Aari keessa dabarta.
DEU 2:19 Yommuu Amoonotatti dhuftanitti akkasumaan isaan hin rakkisinaa yookaan waraanaaf isaan hin kakaasinaa; ani biyya isaanii keessaa tokko illee dhaala godhee isiniif hin kennuutii. Ani biyya isaanii sanyii Looxiif handhuuraa godhee kenneera.”
DEU 2:20 Kunis biyya Refaayimoota achi jiraachaa turaniiti jedhamee hedama; Amoononni garuu Zamzumoota jedhanii isaan waamu ture.
DEU 2:21 Isaanis namoota jajjaboo fi baayʼee dha; akkuma Anaaqotaa dhedheeroo turan. Waaqayyos fuula Amoonota achii isaan baasanii iddoo isaanii qubatan sanaa duraa isaan barbadeesse.
DEU 2:22 Waaqayyos yommuu Hoorota fuula isaanii duraa balleessetti ilmaan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraachaa turanis akkasuma godhe. Isaanis jara achii baasanii hamma harʼaatti biyya isaanii keessa jiraatan.
DEU 2:23 Awoota gandoota hamma Gaazaatti jiran keessa jiraatan immoo Kaftooronni Kaftoorii baʼanii dhufan sun balleessanii iddoo isaanii qubatan.
DEU 2:24 “Kaʼaatii Laga Arnoon ceʼaa; ani kunoo, Sihoon Amooricha mootii Heshbooniitii fi biyya isaa illee dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii. Waraana itti banaatii biyya sana qabachuu jalqabaa.
DEU 2:25 Anis naasisuu fi sodaachisuu keessan saboota samii gad jiran hundatti buusuu hardhuma nan jalqaba. Isaanis oduu waaʼee keessanii dhagaʼanii sababii keessaniif hollatu; naasuunis isaan qabata.”
DEU 2:26 Anis akkana jedhee gammoojjii Qidemooti keessaa Sihoon mooticha Heshbooniitti ergamoota nagaa nan erge;
DEU 2:27 “Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuu eeyyami. Nu karaa guddicha irraa hin gorru; mirgattis gara bitaattis hin gorru.
DEU 2:28 Waan nyaannuu fi bishaan dhugnu maallaqaan nutti gurguri. Akka miilla qofaan achi keessa dabarru nuuf eeyyami;
DEU 2:29 akkuma ilmaan Esaawu kanneen Seeʼiir keessa jiraatanii fi Moʼaabonni Aari keessa jiraatan nuuf godhan sana atis hamma nu gara biyya Waaqayyo Waaqni keenya nuu kennuutti galuuf laga Yordaanos ceenutti akkasuma nuuf godhi.”
DEU 2:30 Sihoon mootiin Heshboon garuu akka nu dabarru nuuf eeyyamuu dide. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma amma godhe kana dabarsee harka keessanitti isa kennuuf mataa fi garaa isaa jabeessee tureetii.
DEU 2:31 Waaqayyos, “Kunoo, ani Sihoonii fi biyya isaa dabarsee siif kennuu jalqabeera. Ati biyya isaa dhaaluuf qabachuu jalqabi” naan jedhe.
DEU 2:32 Yommuu Sihoonii fi guutummaan loltoota isaa nu waraanuuf Yaahazitti baʼanitti,
DEU 2:33 Waaqayyo Waaqni keenya dabarsee harka keenyatti isa nuuf kenne; nus isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda dhoofne.
DEU 2:34 Yeroo sanattis magaalaawwan isaa hunda qabannee dhiirota, dubartootaa fi ijoollee, tokkoo tokkoo magaalaawwanii guutumaan guutuutti barbadeessine. Nama tokko illee hin hambifne.
DEU 2:35 Garuu horii fi boojuu magaalaawwan qabanne sana keessaa boojine ofii keenyaaf fudhanne.
DEU 2:36 Magaalaa Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoonitti argamuu fi magaalaa sululicha keessatti argamuu jalqabee magaalaa hamma Giliʼaaditti argamu keessaa tokko iyyuu nu ittisuu hin dandeenye. Waaqayyo Waaqni keenya hunda isaanii dabarsee nuuf kenne.
DEU 2:37 Garuu akkuma ajaja Waaqayyo Waaqni keenya nuuf kenne sanaatti isin gara biyyoota Amoonotaa tokkootti illee yookaan gara biyya qarqara laga Yaaboq irratti argamuu yookaan biyyoota naannoo magaalaawwan gaarran irratti argamaniitti hin dabarre.
DEU 3:1 Ergasiis deebinee karaa Baashaan qabannee ol baane; Oogi mootichi Baashaan immoo loltoota isaa guutuu wajjin Edreyiitti nuun wal loluuf gad baʼe.
DEU 3:2 Waaqayyos, “Waan ani isa, guutummaa loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Akkuma Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi” naan jedhe.
DEU 3:3 Waaqayyo Waaqni keenya Oogi mootii Baashaanii fi guutummaa loltoota isaa dabarsee harka keenyatti kenne. Nus utuu homaa hin hambisin isaan balleessine.
DEU 3:4 Yeroo sanattis magaalaawwan isaa hunda qabanne. Magaalaawwan jaatama mootummaa Oogi mooticha Baashaan kanneen kutaa biyya Argobbi jala turan keessaa kan nu hin qabatin tokko iyyuu hin jiru.
DEU 3:5 Magaalaawwan kunneen hundi dallaa dhagaa dhedheeroo, karraa fi danqaraa qabu turan; akkasumas magaalaawwan dallaa hin qabne baayʼeetu ture.
DEU 3:6 Nus akkuma Sihoon mootii Heshboon goone sana dhiirota, dubartootaa fi ijoollee tokkoo tokkoo magaalaawwanii guutumaan guutuutti barbadeessine.
DEU 3:7 Horii fi boojuu magaalaawwan isaanii keessaa saamne hunda garuu ofii keenyaaf fudhannee galle.
DEU 3:8 Yeroo sanatti mootota Amoorotaa lamaan kana irraa karaa baʼa Yordaanos biyya Sulula Arnooniitii jalqabee hamma Tulluu Hermoonitti jiruu fudhanne.
DEU 3:9 Siidoononnis Hermoon kana Siiriyoon jedhanii waamu; Amooronni immoo Seniiri jedhanii waamu.
DEU 3:10 Nus magaalaawwan dirree irratti argaman hunda, Giliʼaad hunda, Baashaanii hamma Salkaa fi Edreyiitti jiru hunda, magaalaawwan mootummaa Oogi kanneen Baashaan keessatti argaman hunda qabanne.
DEU 3:11 Gosa Refaayimootaa keessaa Oogi mootii Baashaan qofatu hafe. Kunoo sireen isaa sibiila irraa hojjetamee dalga dheerinni isaa dhundhuma sagal balʼinni isaa immoo dhundhuma afur ture. Sireen kunis amma iyyuu Rabbaa Amoonotaa keessatti argama.
DEU 3:12 Ani biyya yeroo sanatti qabanne keessaa biyya karaa Kaaba Aroʼeeriitiin qarqara Sulula Arnoon jirutti dabalee walakkaa biyya gaaraa Giliʼaad magaalaawwan isaa wajjin gosa Ruubeenii fi Gaadiif kenne.
DEU 3:13 Biyya Giliʼaad kan hafee fi guutummaa Baashaan jechuunis mootummaa Oogi walakkaa gosa Minaaseetiifan kenne. Guutummaan kutaa Argobbi kan Baashaan keessaa sun biyya Refaayimootaa jedhamee beekama ture.
DEU 3:14 Yaaʼiir ilmi Minaasee immoo guutummaa kutaa Argobbi kan hamma daarii Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaatti jiru fudhate; biyyi sunis maqaa isaatiin moggaafame; kanaafuu Baashaan hamma harʼaatti Haaboot Yaaʼiir jedhama.
DEU 3:15 Giliʼaad immoo Maakiiriifan kenne.
DEU 3:16 Walakkaa sulula isaa garuu daangaa gochuudhaan Giliʼaadii jalqabee hamma Sulula Arnoonitti, achii immoo bulchiinsa daangaa Amoonotaa kan hamma laga Yaaboqitti jiru gosa Ruubeenii fi Gaadiifan kenne.
DEU 3:17 Daangaan isaa karaa lixaatiin Yordaanos isa Arabbaa keessatti argamu sanaa dha; kunis Kinereetii jalqabee hamma Galaana Arabbaa kan Galaana soogiddaa jedhamuutti diriiree tabba Phisgaatii gaditti argama.
DEU 3:18 Anis yeroo sanatti akkana jedheen isin ajaje: “Waaqayyo Waaqni keessan akka dhaaltaniif lafa kana isiniif kenneera. Taʼus namoonni jajjaboon keessan hundi waraanaaf hidhatanii obboloota keessan Israaʼeloota dura gamatti ceʼuu qabdu.
DEU 3:19 Garuu niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan magaalaawwan ani isiniif kenne keessa haa turan; ani akka isin horii baayʼee qabdan beekaatii.
DEU 3:20 Kunis hamma Waaqayyo akkuma isin boqochiise sana obboloota keessan boqochiisee isaaniinis lafa Waaqayyo Waaqni keessan Yordaanosiin gamatti isaaniif kennu sana dhaalanitti. Sana booddee tokkoon tokkoon keessan gara biyya ani dhaala isiniif kenneetti ni deebitu.”
DEU 3:21 Anis yeroo sanatti akkana jedhee Iyyaasuu ajaje: “Ati waan Waaqayyo Waaqni kee mootota kanneen lamaan godhe hunda ija keetiin argiteerta. Waaqayyo, mootummoota isin itti yaatan hundas akkasuma ni godha.
DEU 3:22 Isin isaan hin sodaatinaa; Waaqayyo Waaqni keessan mataan isaa isiniif lolaatii.”
DEU 3:23 Yeroo sanatti ani akkana jedhee Waaqayyoon nan kadhadhe;
DEU 3:24 “Yaa Waaqayyoo Gooftaa, ati guddina keetii fi harka kee jabaa sana garbicha keetti argisiisuu jalqabdeerta. Silaa kan hojii jabaa akkasii kan ati hojjettu hojjechuu dandaʼu Waaqa kamtu samii irra yookaan lafa irra jira?
DEU 3:25 Akka ani ceʼee biyyattii gaarii Yordaanos gama jirtu jechuunis biyya gaaraa gaarii sanaa fi Libaanoon argu naa eeyyami.”
DEU 3:26 Waaqayyo garuu waan sababii keessaniif natti dheekkameef, na dhagaʼuu dide. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Kun ni gaʼa; lammata waaʼee waan kanaa natti hin dubbatin.
DEU 3:27 Fiixee Phisgaatti ol baʼiitii gara lixaa fi kaabaa, gara kibbaa fi baʼaa ilaali. Ati waan Yordaanos hin ceeneef biyyattii ijuma keetiin ilaali.
DEU 3:28 Garuu akka inni saba kana qajeelchee ceesisee akka isaan biyya ati ilaaltu kana dhaalan godhuuf Iyyaasuu ajaji; isa jajjabeessi; cimsis.”
DEU 3:29 Nu sulula Beet Pheʼoor bira jiru keessa turre.
DEU 4:1 Yaa Israaʼel, ajajawwanii fi seerawwan ani isin barsiisu dhagaʼaa. Akka jiraattanii fi dhaqxanii biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isiniif kennu dhaaltaniifis isaan duukaa buʼaa.
DEU 4:2 Ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa.
DEU 4:3 Isin waan Waaqayyo Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. Waaqayyo Waaqni keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera;
DEU 4:4 isin warri Waaqayyo Waaqa keessan qabattan hundi garuu hamma harʼaatti lubbuudhaan jiraattan.
DEU 4:5 Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma Waaqayyo Waaqni koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera.
DEU 4:6 Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, “Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa.
DEU 4:7 Sabni guddaan akka yeroo nu Waaqayyo Waaqa keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami?
DEU 4:8 Sabni guddaan ajajawwanii fi seera qajeelaa akka seera ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu kanaa qabu biraa kami?
DEU 4:9 Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi.
DEU 4:10 Gaafa isin Kooreebitti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa.
DEU 4:11 Isin utumaa tulluun sun bobaʼaa ibidda hamma wiirtuu samiitti ol baʼee duumessa gurraachaa fi dukkana limixiidhaan haguugamee jiruu itti dhiʼaattanii miilla tulluu sanaa jala dhadhaabattan.
DEU 4:12 Ergasiis Waaqayyo ibidda keessaa isinitti dubbate. Isinis sagalee dubbii sanaa malee bifa tokko illee hin argine; sagalee tokko qofatu ture.
DEU 4:13 Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse.
DEU 4:14 Waaqayyos yeroo sanatti akka ani ajajawwanii fi seerawwan biyya isin Yordaanos ceetanii dhaaltan sana keessatti duukaa buʼuu qabdan isin barsiisu na ajaje.
DEU 4:15 Gaafa Waaqayyo Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa;
DEU 4:16 kunis akka isin hin xuroofne, akka Waaqa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne
DEU 4:17 yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira samii keessa barrisu kam iyyuu
DEU 4:18 yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef.
DEU 4:19 Ati yommuu samii ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa samii hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan Waaqayyo Waaqni kee saboota samiidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin.
DEU 4:20 Waaqayyo garuu akka isin akkuma amma jirtan kana dhaala isaa taataniif badaa sibiila itti baqsan jechuunis biyya Gibxiitii baasee isin fide.
DEU 4:21 Waaqayyos sababii keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yordaanos ceʼee biyya gaarii kan Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu sana hin seenne kakate.
DEU 4:22 Ani biyyuma kanatti nan duʼa; ani Yordaanosin hin ceʼu; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana dhaaluuf jirtu.
DEU 4:23 Akka kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin gale sana hin daganne of eeggadhaa; waaqota tolfamoo Waaqayyo Waaqni keessan isin dhowwe bifa kamiin iyyuu ofii keessaniif hin tolfatinaa.
DEU 4:24 Waaqayyo Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
DEU 4:25 Isin erga ijoollee fi ijoollee ijoollee keessanii hortanii biyya sana keessa bara dheeraa jiraattanii booddee, yoo xurooftanii fakkii waaqota tolfamoo bifa kamii iyyuu tolchitanii fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti waan hamaa hojjettanii dheekkamsaaf isa kakaaftan,
DEU 4:26 akka isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan irraa ariitiidhaan dhabamtan ani guyyaa harʼaa samii fi lafa dhugaa baatota godhee isinitti nan waama. Iddoo sana yeroo dheeraa hin jiraattan; isin guutumaan guutuutti barbadooftu.
DEU 4:27 Waaqayyos saboota keessa isin faffacaasa; saboota warra Waaqayyo isaan gidduutti isin faffacaase keessattis muraasa taatanii haftu.
DEU 4:28 Isinis achitti waaqota harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan nyaachuu yookaan fuunfachuu hin dandeenye waaqeffattu.
DEU 4:29 Garuu yoo achittis Waaqayyo Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
DEU 4:30 Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara Waaqayyo Waaqa keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta.
DEU 4:31 Waaqayyo Waaqni kee Waaqa araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu.
DEU 4:32 Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Waaqayyo lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii samii tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa?
DEU 4:33 Sabni akka keessan sagalee Waaqaa kan ibidda keessaa dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan jiraate kan biraa takkumaa argameeraa?
DEU 4:34 Waaqni kam iyyuu takkumaa akka Waaqayyo Waaqni keessan utuma iji keessan arguu biyya Gibxitti isinii godhe sana saba tokko saba biraa keessaa qorumsaan, mallattoo fi dinqiidhaan, waraanaan, harka jabaa fi irree diriirfameen, yookaan hojii guddaa fi sodaachisaadhaan baasee kan ofii isaa godhachuu yaale jira?
DEU 4:35 Isinis Waaqayyo Waaqa taʼuu isaa akka beektaniif wantoonni kunneen isinitti argisiifaman; isa malees kan biraa hin jiru.
DEU 4:36 Inni si adabachuuf jedhee samiidhaa sagalee isaa si dhageessise. Lafa irratti ibidda isaa guddicha sitti argisiisee atis ibidda keessaa dubbii isaa dhageesse.
DEU 4:37 Inni waan abbootii kee jaallatee isaan booddees sanyiiwwan isaanii filateef ofii isaatiin humna isaa guddaadhaan biyya Gibxiitii baasee isin fide;
DEU 4:38 kanas akka harʼa taʼee jiru kana saboota si caalaa gurguddaa fi jajjaboo si duraa ariʼee biyya isaanii dhaala godhee siif kennuuf itti si fide.
DEU 4:39 Harʼa akka Waaqayyo ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqa taʼe beeki; garaa keettis qabadhu. Kan biraas hin jiru.
DEU 4:40 Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya Waaqayyo Waaqni kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi.
DEU 4:41 Yeroo sanatti Museen magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate;
DEU 4:42 kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa.
DEU 4:43 Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef.
DEU 4:44 Kun Seera Museen Israaʼeloota dura kaaʼee dha.
DEU 4:45 Qajeelchi, ajajnii fi seerri Museen yommuu isaan biyya Gibxii baʼanitti Israaʼelootaaf kenne kanaa dha;
DEU 4:46 kunis yeroo isaan Sulula Beet Pheʼoor biyya baʼa Yordaanositti argamtu keessa turanitti taʼe; biyyi kunis biyya Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraachaa turee Musee fi Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii baʼanitti isa moʼatanii ti.
DEU 4:47 Isaanis biyya isaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan jechuunis biyyoota mootota Amoorii lamaan baʼa Yordaanositti argaman dhaala godhanii fudhatan.
DEU 4:48 Biyyi kunis Aroʼeer kan daarii Sulula Arnoonii jalqabee hamma Gaara Sihoonitti jechuunis hamma Hermooniitti balʼata;
DEU 4:49 innis Arabbaa baʼa Yordaanosii hamma galaana Arabbaatti jiru kan tabba Phisgaatii gaditti argamu hunda dabalata.
DEU 5:1 Museen Israaʼeloota hunda walitti qabee akkana isaaniin jedhe: Yaa Israaʼel ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa utuma isin dhageessanuu labsu kana dhagaʼaa. Baradhaatii jabeessaa isaan duukaa buʼaa.
DEU 5:2 Waaqayyo Waaqni keenya Kooreebitti nu wajjin kakuu gale.
DEU 5:3 Waaqayyo kakuu kana nu wajjin, nu warra harʼa lubbuudhaan as jiraannu hunda wajjin gale malee abbootii keenya wajjin hin galle.
DEU 5:4 Waaqayyo tulluu irratti ibidda keessaa ifaan ifatti isinitti dubbate.
DEU 5:5 Yeroo sanatti waan isin ibidda sodaattanii tulluutti ol hin baʼiniif ani dubbii Waaqayyoo isinitti himuuf isinii fi Waaqayyo gidduun dhaabadhe. Innis akkana jedhe:
DEU 5:6 “Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.
DEU 5:7 “Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.
DEU 5:8 Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru waaqa tolfamaa kamiitiin iyyuu ofii keetiif hin tolfatin.
DEU 5:9 Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee, Waaqa hinaafu kan ijoollee warra na jibbanii sababii cubbuu abbootiitiif jedhee hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
DEU 5:10 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
DEU 5:11 Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
DEU 5:12 Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan eegi.
DEU 5:13 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu;
DEU 5:14 guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan qotiyyoon kee yookaan harreen kee yookaan horiin kee kam iyyuu yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin. Hojjetaan keetii fi hojjettuun kee akkuma kee haa boqotan.
DEU 5:15 Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi ergasii immoo Waaqayyo Waaqni kee harka jabaa fi irree diriirfameen achii si baase yaadadhu. Kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee akka ati Sanbata eegdu si ajaje.
DEU 5:16 Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuu fi akka sitti toluuf akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
DEU 5:17 Hin ajjeesin.
DEU 5:18 Hin ejjin.
DEU 5:19 Hin hatin.
DEU 5:20 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
DEU 5:21 Niitii namaa hin hawwin. Mana namaa yookaan lafa qotiisaa yookaan hojjetaa yookaan xomboree isaa, qotiyyoo isaa yookaan harree isaa, yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
DEU 5:22 Ajajawwan Waaqayyo tulluu gubbaatti, ibidda, duumessaa fi dukkana limixii keessa waldaa keessan guutuutti sagalee guddaadhaan labse kanneenii dha; wanni inni itti dabales hin jiru. Ergasiis inni ajajawwan sana gabateewwan dhagaa lama irratti barreessee natti kenne.
DEU 5:23 Yeroo isin utuu tulluun sun ibiddaan bobaʼuu dukkana keessaa sagalee sana dhageessanitti, hooggantoonni gosoota keessaniitii fi maanguddoonni keessan hundi gara koo dhufan.
DEU 5:24 Isinis akkana jettan; “Kunoo Waaqayyo Waaqni keenya ulfinaa fi guddina isaa nu argisiiseera; ibidda keessaas sagalee isaa nu dhageessiseera. Nu harʼa akka namni yoo Waaqni isatti dubbate illee jiraachuu dandaʼu argineerra.
DEU 5:25 Amma garuu nu maaliif duuna? Nu yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keenyaa deebinee dhageenye ni duuna; ibiddii guddaan kunis nu barbadeessa.
DEU 5:26 Nama duʼaa hin oolle hunda keessaa eenyutu takkumaa sagalee Waaqa jiraataa ibidda keessaa dubbatuu dhagaʼee akka nu dhageenyee jiraanne kana utuu hin duʼin hafe?
DEU 5:27 Itti dhiʼaadhuutii waan Waaqayyo Waaqni keenya jedhu hunda dhagaʼi. Ergasii immoo waan Waaqayyo Waaqni keenya sitti himu hunda nutti himi. Nu ni dhaggeeffannaa; ni ajajamnas.”
DEU 5:28 Waaqayyo yommuu isin natti dubbattanitti isin dhagaʼeera; Waaqayyos akkana naan jedhe; “Ani waan namoonni kunneen siin jedhan dhagaʼeera. Wanni isaan jedhan hundinuu gaarii dha.
DEU 5:29 Akka hamma bara baraatti isaanii fi ijoollee isaaniitti toluuf isaan utuu yeroo hunda garaa na sodaatee ajaja koo hunda eegu qabaatanii akkam gaarii ture!
DEU 5:30 “Dhaqiitii, ‘Dunkaana keessanitti deebiʼaa’ jedhiin.
DEU 5:31 Ati garuu asuma na bira turi. Ani ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan ati akka isaan biyya ani dhaala godhee isaaniif kennu keessatti eeganiif isaan barsiiftu hunda sitti nan hima.”
DEU 5:32 Kanaafuu waan Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje of eeggannaadhaan eegaa; mirgatti yookaan bitaatti hin gorinaa.
DEU 5:33 Akka biyya dhaaltan keessa jiraachuu dandeessan, akka isinitti tolee umurii dheeraa illee qabaattaniif karaa Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje hunda irra deemaa.
DEU 6:1 Ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerri isin yeroo biyya Yordaanos ceetanii dhaaltanitti eegdan kanneen akka ani isin barsiisuuf Waaqayyo Waaqni keessan na ajaje kanneenii dha;
DEU 6:2 kunis akka bara jireenya keessanii guutuu isin, ijoolleen keessanii fi ijoolleen ijoollee keessanii qajeelfamawwanii fi ajajawwan ani isiniif kennu hunda eeguudhaan Waaqayyo Waaqa keessan sodaattanii umuriin keessan dheeratuuf.
DEU 6:3 Yaa Israaʼel dhagaʼi; akka biyya aannanii fi dammi keessaa burqu sana keessatti akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiise sanatti sitti tolee guddaa baayʼattuuf ajajami.
DEU 6:4 Yaa Israaʼel dhagaʼi; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqayyo tokkicha.
DEU 6:5 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu.
DEU 6:6 Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan.
DEU 6:7 Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
DEU 6:8 Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu.
DEU 6:9 Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi.
DEU 6:10 Yeroo Waaqayyo Waaqni kee biyya magaalaawwan gurguddaa fi babbareedoo kanneen ati hin ijaarin siif kennuuf gara biyya abbootii kee jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakate sanatti si galchutti,
DEU 6:11 yeroo manneen miʼa gosa hundaa kan ati hin guutatiniin guutame, boolla bishaanii kan ati hin qotin, mukkeen wayiniitii fi ejersaa kanneen ati hin dhaabin siif kennamanii atis nyaattee quuftutti,
DEU 6:12 ati akka Waaqayyo biyya Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana hin daganne of eeggadhu.
DEU 6:13 Waaqayyoon Waaqa kee sodaadhu; isuma qofa tajaajili; maqaa isaatiinis kakadhu.
DEU 6:14 Waaqota biraa jechuunis waaqota saboota naannoo keetii duukaa hin buʼin;
DEU 6:15 sababii Waaqayyo Waaqni kee inni gidduu kee jiraatu sun Waaqa hinaafu taʼeef, aariin isaa sirratti bobaʼee lafa irraa si balleessa.
DEU 6:16 Akka Maasaah keessatti gootan sana Waaqayyo Waaqa keessan hin qorinaa.
DEU 6:17 Ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii, qajeelfamawwanii fi seerawwan inni isiniif kenne akka gaariitti eegaa.
DEU 6:18 Akka sitti toluu fi akka biyya gaarii Waaqayyo abbootii keetiif kennuuf kakate sana seentee dhaaltuuf waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa fi gaarii taʼe hojjedhu.
DEU 6:19 Ati akkuma Waaqayyo jedhe sanatti diinota kee hunda fuula kee duraa ni baafta.
DEU 6:20 Gara fuul-duraatti yoo ilmi kee, “Hiikkaan qajeelchawwanii, ajajawwaniitii fi seerawwan Waaqayyo Waaqni keenya isin ajaje kanaa maali?” jedhee si gaafate,
DEU 6:21 akkana jedhii itti himi; “Nu Gibxitti garboota Faraʼoon turre; Waaqayyo garuu harka jabaadhaan Gibxii baasee nu fide.
DEU 6:22 Waaqayyo fuuluma keenya duratti biyya Gibxitti, Faraʼoonii fi namoota mana isaa keessa jiraatan hunda irratti mallattoo fi dinqiiwwan sodaachisaa fi gurguddaa hojjete.
DEU 6:23 Inni garuu biyya abbootii keenyaaf kakuudhaan waadaa gale sanatti nu galchee nu dhaalchisuuf jedhee achii baasee nu fide.
DEU 6:24 Waaqayyo akka nu akkuma amma jirru kanatti yeroo hunda nutti tolee jiraannuuf akka nu ajajawwan kanneen hunda eegnuu fi akka Waaqayyo Waaqa keenya sodaannu nu ajaje.
DEU 6:25 Nu yoo akkuma inni nu ajajetti seera kana hunda fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti of eeggannaadhaan eegne, sun qajeelummaa keenya taʼa.”
DEU 7:1 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galaa jirtu kanatti si fidee saboota hedduu jechuunis Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jechuunis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo torba fuula kee duraa ariʼee baasutti,
DEU 7:2 yommuu Waaqayyo Waaqni kee dabarsee isaan siif kennee atis isaan moʼattutti, guutumaan guutuutti isaan barbadeessi. Isaan wajjin kakuu tokko illee hin seenin; garaas isaanii hin laafin.
DEU 7:3 Isaanitti hin soddoomin; ilmaan isaaniitiif intallan kee hin kennin yookaan intallan isaanii ilmaan keetiif hin fidin;
DEU 7:4 sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi Waaqayyoos sitti bobaʼee dafee si balleessa.
DEU 7:5 Wanni isin isaan gochuu qabdan kana: iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa; waaqota isaaniis ibiddaan gubbaa.
DEU 7:6 Ati saba Waaqayyo Waaqa keetiif qulqulluu taatee dha. Waaqayyo Waaqni kee akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filate.
DEU 7:7 Wanni Waaqayyo isin jaallatee isin filateef waan isin saboota kaan caalaa baayʼee taataniif miti; isin saboota hunda caalaa xinnoo turtan.
DEU 7:8 Garuu wanni Waaqayyo harka jabaadhaan isin baasee biyya garbummaatii fi irree Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isin fureef sababii isin jaallatee kakuu abbootii keessan wajjin gale sana eegeef.
DEU 7:9 Kanaafuu akka Waaqayyo Waaqni kee Waaqa taʼe beeki; inni Waaqa amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha.
DEU 7:10 Warra isa jibban garuu, balleessuuf gatii isaanii mataa isaaniitti deebisa; nama isa jibbus gatii isaa mataa isaatti deebisuudhaaf lafa irra hin harkifatu.
DEU 7:11 Kanaafuu ati ajajawwan, qajeelchawwanii fi seerawwan ani harʼa siif kennu kanneen eegi.
DEU 7:12 Yoo ati seerawwan kanneeniif xiyyeeffannaa kennitee of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakate sana kakuu fi araara isaa siifis ni eega.
DEU 7:13 Inni si jaallata; si eebbisa; si baayʼisas. Biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakuu gale keessatti ija garaa keetii, oomisha lafa keetii jechuunis midhaan, wayinii haaraa fi zayitii, jabbiiwwan loon keetii, xobbaallaawwan bushaayee keetii siif eebbisa.
DEU 7:14 Ati saboota kam iyyuu caalaa ni eebbifamta; dhiira yookaan dubartii kee keessaa tokko illee ijoollee hin dhabu yookaan loon kee keessaa tokko illee hin maseenu.
DEU 7:15 Waaqayyo dhukkuba hunda sirraa fuudha. Inni dhukkuboota suukaneessaa ati biyya Gibxitti argite sana warra si jibbanitti fida malee sitti hin fidu.
DEU 7:16 Ati saboota Waaqayyo Waaqni kee dabarsee sitti kennu hunda balleessuu qabda. Ati isaaniif garaa hin laafin; kuni kiyyoo sitti taʼaatii waaqota isaanii hin waaqeffatin.
DEU 7:17 Ati, “Saboonni kunneen nu caalaa jajjaboo dha; nu akkamitti isaan baafna?” jettee yaadda taʼa.
DEU 7:18 Garuu ati isaan hin sodaatin; waan Waaqayyo Waaqni kee Faraʼoonii fi guutummaa Gibxitti hojjete sana yaadadhu.
DEU 7:19 Ati qormaatawwan gurguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan, harka jabaa fi irree diriirfame kan Waaqayyo Waaqni kee ittiin si baase sana ijuma keetiin argiteerta. Waaqayyo Waaqni kee saboota ati amma sodaattu hundas akkasuma godha.
DEU 7:20 Kana caalaa iyyuu Waaqayyo Waaqni kee hamma warri lubbuudhaan hafanii si duraa dhokatan iyyuu barbadaaʼanitti gidduu isaaniitti sonsa ni erga.
DEU 7:21 Sababii Waaqayyo Waaqni kee inni gidduu kee jiru sun Waaqa guddaa fi sodaachisaa taʼeef isaan hin sodaatin.
DEU 7:22 Waaqayyo Waaqni kee saboota sana xinnoo xinnoodhaan fuula kee duraa ni baasa; akka bineensonni bosonaa naannoo keetti hin baayʼanneef yeruma tokkotti isaan balleesuun siif hin eeyyamamu.
DEU 7:23 Waaqayyo Waaqni kee garuu hamma isaan badanitti isaan raatessuudhaan dabarsee harka keetti isaan kenna.
DEU 7:24 Mootota isaaniis dabarsee sitti kenna; atis maqaa isaanii samii jalaa ni balleessita. Hamma ati isaan balleessitutti namni fuula kee dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
DEU 7:25 Fakkii waaqota isaanii ibiddaan gubi; meetii fi warqee isaan irra jiru hin hawwin; ofii keetiifis hin fudhatin; yoo kanaa achii inni sababii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti jibbisiisaa taʼeef kiyyoo sitti taʼa.
DEU 7:26 Waan jibbisiisaa gara mana keetiitti hin galchin; yoo kanaa achii atis akkuma isaa badiisaaf addaan baafamta. Waan inni badiisaaf addaan baafameef ati guutumaan guutuutti isa jibbi; balfis.
DEU 8:1 Isin akka lubbuun jiraattan, akka baayʼattanii fi akka biyya Waaqayyo kakuudhaan abbootii keessan abdachiise sanatti galtanii dhaaltaniif ajaja ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan duukaa buʼaa.
DEU 8:2 Waaqayyo Waaqni kee gad si qabee si qoruudhaan waan garaa kee keessa jiru jechuunis akka ati ajajawwan isaa eegduu fi hin eegne beekuuf karaa inni waggoota afurtamman kanneen guutuu gammoojjii keessa si qajeelche yaadadhu.
DEU 8:3 Innis gad si deebisee si beelessee “mannaa” ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.
DEU 8:4 Waggoota afurtamman kanneen keessa uffanni kee hin dhumne; miilli kees hin iitofne.
DEU 8:5 Akka Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbaan ilma isaa adabatu akka si adabu beeki.
DEU 8:6 Daandiiwwan isaa irra deemuu fi isa sodaachuudhaan ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii eegi.
DEU 8:7 Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii kan lageen, haroowwanii fi burqaawwan sululootaa fi gaarran keessaa yaaʼaniitti si galchaatii.
DEU 8:8 Biyya qamadii fi garbuu, wayinii fi harbuu, roomaanii, zayitii ejersaatii fi damma baasutti,
DEU 8:9 biyya ati hirʼina malee buddeena nyaattuu fi biyya ati keessaa homaa hin dhabne, biyya kattaan sibiila taʼe, biyya ati gaarran keessaa sibiila diimaa baasuu dandeessuu dha.
DEU 8:10 Yeroo nyaattee quuftutti, sababii Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii akkasii siif kenneef isa jajadhu.
DEU 8:11 Ati akka ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eeguu baachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin daganne of eeggadhu.
DEU 8:12 Yoo kanaa achii yommuu nyaattee quuftutti, yommuu mana gaarii ijaarrattee keessa jiraattutti,
DEU 8:13 yommuu loonii fi bushaayeen kee wal horanii meetii fi warqeen kee dabaluu fi yommuu wanni ati qabdu hundi baayʼatutti,
DEU 8:14 ati of tuultee Waaqayyo Waaqa kee isa biyya Gibxi, biyya garbummaatii baasee si fide sana ni dagatta.
DEU 8:15 Inni gammoojjii balʼaa fi sodaachisaa, biyya dheebuutii fi kan bishaan hin qabne, biyya bofa hadhaa qabuu fi torbaanqabaan keessa guute sana keessa si deemsise. Kattaa jabaa keessaas bishaan siif burqisiise.
DEU 8:16 Akka dhuma irratti sitti toluuf jedhee gad si qabuu fi si qoruudhaaf, waan takkumaa abbootiin kee hin beekin gammoojjii keessatti “mannaa” ati nyaattu siif kenne.
DEU 8:17 Ati, “Humna kootii fi jabina harka kootu qabeenya kana naaf argamsiise jettee” yaadda taʼa.
DEU 8:18 Garuu Waaqayyo Waaqa kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii.
DEU 8:19 Yoo ati Waaqayyo Waaqa kee irraanfattee waaqota biraa duukaa buute, yoo isaan waaqeffattee fi isaaniif sagadde akka isin dhugumaan baddan ani harʼa dhugaa isinitti nan baʼa.
DEU 8:20 Akkuma Saboota Waaqayyo fuula keessan duraa balleesse sanaa Waaqayyo Waaqa keessaniif waan ajajamuu didaniif akkasuma isinis ni balleeffamtu.
DEU 9:1 Yaa Israaʼel dhagaʼi. Ati Saboota si caalaa gurguddaa fi humna qabeeyyii, magaalaawwan dallaa samii gaʼuun marfaman qaban achii baaftee dhaaluuf Yordaanos ceʼuuf jirta.
DEU 9:2 Namoonni sun ilmaan Anaaq warra jajjaboo fi dhedheeroo dha! Atis waaʼee isaanii ni beekta; akka, “Eenyutu Anaaqota dura dhaabachuu dandaʼa?” jedhamu illee dhageesseerta.
DEU 9:3 Taʼus kan akkuma ibidda waa gubee fixuu si dura ceʼu Waaqayyo Waaqa kee taʼuu isaa harʼa beeki. Inni isaan balleessa; fuula kee durattis gad isaan deebisa. Atis akkuma Waaqayyo si abdachiise sanatti ariitee isaan baafta; daftees isaan fixxa.
DEU 9:4 Erga Waaqayyo Waaqni kee fuula kee duraa ariʼee isaan baasee booddee ati garaa keetti, “Waaqayyo sababii qajeelummaa kootiif akka ani biyya kana dhaalu as na fide” hin jedhin. Waaqayyo sababii hammina isaaniitiif saboota kanneen fuula kee duraa ariʼee baasa.
DEU 9:5 Ati biyya isaaniitti galtee kan dhaaltu qajeelummaa keetiin yookaan gaarummaa garaa keetiitiin utuu hin taʼin Waaqayyo kakuu abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif gale sana guutuudhaaf jedhee Waaqayyo Waaqni kee saboota kanneen sababii hammina isaaniitiif fuula kee duraa ariʼee baasa.
DEU 9:6 Egaa Waaqayyo Waaqni kee kan biyya gaarii kana akka dhaaltuuf siif kennu sababii qajeelummaa keetiitiif akka hin taʼin hubadhu; ati saba mata jabeessaatii.
DEU 9:7 Ati akkamitti akka gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa kee dheekkamsaaf kakaafte yaadadhu; hin dagatinis. Ati gaafa biyya Gibxii baatee jalqabdee hamma as geessutti Waaqayyotti fincilaa turte.
DEU 9:8 Isin Kooreebitti iyyuu Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasnaan Waaqayyo isin barbadeessuuf isinitti aare.
DEU 9:9 Ani yeroo gabateewwan dhagaa jechuunis gabateewwan kakuu Waaqayyo isin wajjin gale sanaa fuudhuuf tulluutti ol baʼetti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; ani buddeena tokko illee hin nyaanne; bishaan illee hin dhugne.
DEU 9:10 Waaqayyos gabateewwan dhagaa lama kanneen quba Waaqayyootiin irratti barreeffame natti kenne. Ajajawwan Waaqayyo yeroo isin walitti qabamtanitti tulluu irratti ibidda keessaa isinitti labse hundi gabateewwan sana irra turan.
DEU 9:11 Dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaatti Waaqayyo gabateewwan dhagaa lama jechuunis gabateewwan kakuu natti kenne.
DEU 9:12 Gaafas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Kaʼii dafii gad buʼi; sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii. Isaan waan ani isaan ajaje irraa dafanii garagalanii ofii isaaniitiif Waaqa baqfamee hojjetame tolfataniiruutii.”
DEU 9:13 Waaqayyo ammas akkana naan jedhe; “Ani saba kana argeera; kunoo inni saba mata jabeessa!
DEU 9:14 Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii illee samii gadii haquuf na dhiisi; siʼi immoo isaan caalaa saba guddaa fi jabaa nan godha.”
DEU 9:15 Anis of irra garagalee utuma tulluun sun bobaʼaa jiruu tulluu irraa gad nan buʼe. Gabateewwan kakuu lamaan sunis na harka turan.
DEU 9:16 Anis nan arge; kunoo isin Waaqayyo Waaqa keessanitti cubbuu hojjettanii turtan; isin bifa jabbiitiin Waaqa baqfamee hojjetame ofii keessaniif tolfattanii turtan. Isin daftanii karaa Waaqayyo isin ajaje irraa jalʼattan.
DEU 9:17 Kanaafuu ani gabateewwan lamaan sana harka koo irraa darbadhee ijuma keessan duratti nan caccabse.
DEU 9:18 Sababii cubbuu isin hojjettan hundaa kan isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf isa kakaaftan sanaatiif ani ammas fuula Waaqayyoo duratti gombifamee utuun buddeena hin nyaatinii fi bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman ture.
DEU 9:19 Sababii inni isin balleessuuf aaree tureef, ani aarii fi dheekkamsa Waaqayyoo nan sodaadhe. Waaqayyo garuu amma illee na dhagaʼe.
DEU 9:20 Waaqayyo Aroonin balleessuuf akka malee itti aaree ture; ani garuu yeroo sana Arooniifis nan kadhadhe.
DEU 9:21 Akkasumas ani cubbuu keessan bifa jabbii isin tolfattan sanaa fuudhee ibiddaan nan gube. Caccabsees hamma inni bullaaʼaa akka awwaaraa taʼutti bulleessee burqaa tulluu irraa gad yaaʼuttan firfirse.
DEU 9:22 Isinis Tabeeraatti, Maasaahii fi Qiibrooti Hataawaatti Waaqayyo dheekkamsiiftan.
DEU 9:23 Waaqayyo yommuu Qaadesh Barneetii isin baasetti, “Ol baʼaatii biyya ani isiniif kenne sana dhaalaa” isiniin jedhe. Isin garuu ajaja Waaqayyo Waaqa keessaniitti finciltan. Isas hin amananne; hin ajajamneefis.
DEU 9:24 Isin erga ani isin beekee jalqabdanii Waaqayyotti finciltaniirtu.
DEU 9:25 Sababii Waaqayyo akka isin balleessu dubbatee tureef ani guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman sana fuula Waaqayyoo duratti lafatti nan gombifame.
DEU 9:26 Anis akkana jedheen Waaqayyoon kadhadhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati saba kee, dhaala kee kan humna kee guddichaa fi harka kee jabaadhaan furtee biyya Gibxii baafte kana hin balleessin.
DEU 9:27 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobin yaadadhu. Mata jabina saba kanaa, hammina isaatii fi cubbuu isaa hin ilaalin.
DEU 9:28 Yoo kanaa achii biyyi ati keessaa nu baafte sun, ‘Waaqayyo waan biyya waadaa isaaniif gale sanatti isaan galchuu hin dandeenyee fi waan isaan jibbeef gammoojjii keessatti isaan fixuuf isaan baase’ jedha.
DEU 9:29 Isaan garuu saba keetii fi dhaala kee kan ati humna jabaa fi irree diriirfameen baaftee fiddee dha.”
DEU 10:1 Yeroo sanas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabateewwan dhagaa kanneen gabateewwan jalqabaa fakkaatan lama soofiitii tulluutti ol baʼii na bira kottu. Taabota mukaas hojjedhu.
DEU 10:2 Anis dubbii gabateewwan jalqabaa kanneen ati caccabsite sana irra turan gabateewwan kanneen irratti nan barreessa. Atis taabota keessa isaan keessa.”
DEU 10:3 Ani muka laaftoo irraa taabota tolchee gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti nan soofe; gabateewwan lamaanis harkatti qabadhee tulluu sanatti ol nan baʼe.
DEU 10:4 Waaqayyo guyyaa wal gaʼii sana tulluu irraa Ajajawwan Kurnan ibidda keessaa isinitti dubbate sana akkuma barreeffama duraatti gabateewwan kanneen irratti barreesse; Waaqayyos gabateewwan kanneen natti kenne.
DEU 10:5 Anis tulluu sana irraa gad buʼee akkuma Waaqayyo na ajajetti gabateewwan sana taabota isa ani hojjedhee ture keessa nan kaaʼe; isaanis amma achi jiru.
DEU 10:6 Israaʼeloonnis Biʼeerooti Benee Yaaʼakaanii kaʼanii gara Mooseraatti qajeelan. Aroonis achitti duʼee awwaalame; ilmi isaa Eleʼaazaar iddoo isaa buʼee luba taʼe.
DEU 10:7 Achii kaʼanii Gudgodaa dhaqan; ergasiis gara Yoxbaataa biyya bishaanota yaaʼan qabduutti darban.
DEU 10:8 Yeroo sanatti Waaqayyo gosa Lewwii akka inni taabota kakuu Waaqayyoo baatuuf, akka fuula Waaqayyoo dura dhaabatee isa tajaajiluu fi akka maqaa isaatiin eebbisuuf hamma harʼaatti addaan baase.
DEU 10:9 Sababiin gosti Lewwii akka obboloota isaa gidduutti qooda yookaan dhaala hin qabaanne godhameefis kanuma. Akkuman Waaqayyo Waaqni kee isaanitti himetti, Waaqayyo dhaala isaanii ti.
DEU 10:10 Ammas ani akkuma yeroo jalqabaa godhe sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; Waaqayyo ammas na dhagaʼe. Inni si balleessuudhaaf fedhii hin qabu.
DEU 10:11 Waaqayyos, “Deemi; akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sana seenanii dhaalaniif saba kana dura buʼii deemi” naan jedhe.
DEU 10:12 Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu,
DEU 10:13 akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Waaqayyoo kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?
DEU 10:14 Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan Waaqayyo Waaqa keetii ti.
DEU 10:15 Taʼus akkuma harʼa taʼee jiru kana, Waaqayyo jaalalaan qalbii isaa abbootii keessan irra buufate; isin warra sanyii isaanii taatanis saboota hunda caalchisee filate.
DEU 10:16 Kanaafuu qalbii keessan dhagna qabaa; siʼachis mataa jabeeyyii hin taʼinaa.
DEU 10:17 Waaqayyo Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii.
DEU 10:18 Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata.
DEU 10:19 Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii.
DEU 10:20 Waaqayyo Waaqa kee sodaadhu; isa tajaajilis. Isatti maxxani; maqaa isaatiinis kakadhu.
DEU 10:21 Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.
DEU 10:22 Abbootiin kee warri Gibxitti gad buʼan nama torbaatama turan; amma garuu Waaqayyo Waaqni kee akka urjii samii keessaa si baayʼiseera.
DEU 11:1 Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi.
DEU 11:2 Kan adabbii Waaqayyo Waaqa keessanii, surraa isaa, harka isaa jabaa fi irree isaa kan diriirfame beeke yookaan arge isinuma malee akka ijoollee keessan hin taʼin harʼa yaadadhaa.
DEU 11:3 Mallattoowwanii fi wantoota inni Gibxi keessatti Faraʼoon mootii Gibxii fi biyya isaa guutuu irratti hojjete,
DEU 11:4 waan inni loltoota Gibxi, fardeenii fi gaariiwwanis godhe, utuma isaan isin duukaa buʼanuu akka inni Galaana Diimaadhaan isaan haguuge, akka itti Waaqayyo badiisa bara baraa isaanitti fide yaadadhaa.
DEU 11:5 Waan inni hamma isin iddoo kana geessanitti lafa gammoojjii keessatti isiniif godhe kan arge ijoollee keessan miti;
DEU 11:6 isaan waan inni gaafa lafti afaan ishee banattee guutummaa Israaʼel gidduutti Daataanii fi Abiiraam ilmaan Eliiyaab namicha gosa Ruubeen sana maatii isaanii wajjin, dunkaanota isaaniitii fi qabeenya isaanii kan lubbuu qabu hunda liqimsitetti isaan godhe hin argine.
DEU 11:7 Iji keessan garuu waan guddaa Waaqayyo godhe kanneen hunda argeera.
DEU 11:8 Kanaafuu isin akka Yordaanosiin ceetanii biyya dhaaluuf jirtanitti galuuf jabaattaniif ajajawwan ani harʼa isinii kennu hunda eegaa;
DEU 11:9 kunis akka isin biyya Waaqayyo abbootii keessanii fi sanyii isaaniitiif kennuuf kakate kan aannanii fi damma baasu sana keessatti bara dheeraa jiraattaniif.
DEU 11:10 Biyyi ati dhaaluuf itti galaa jirtu kun akka biyya Gibxi kan ati keessaa baatee dhufte kan ati akkuma lafa biqiltuutti sanyii kee facaaftee miilla keetiin bishaan obaafte sanaa miti.
DEU 11:11 Biyyi ati Yordaanos ceetee dhaaltu kun garuu biyya tulluuwwanii fi sululawwanii kan samiidhaa bokkaa argatuu dha.
DEU 11:12 Biyyi kun biyya Waaqayyo Waaqni kee kunuunsuu dha; jalqaba waggaatii hamma dhuma waggaattis iji Waaqayyo Waaqa keetii ishee irraa hin buqqaʼu.
DEU 11:13 Yoo ajajawwan ani harʼa isiniif kennu amanamummaadhaan eegdan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattanii garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltan,
DEU 11:14 akka ati midhaan kee, wayinii keetii fi zayitii kee galfattuuf ani yeroo isaatti bokkaa birraatii fi bokkaa arfaasaa lafa keetti nan roobsa.
DEU 11:15 Loon keetiif marga bakkee nan kenna; atis nyaattee quufta.
DEU 11:16 Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu.
DEU 11:17 Ergasii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; innis akka bokkaan hin roobne, laftis oomisha hin kennineef samiiwwan ni cufa; isinis biyya gaarii Waaqayyo isiniif kennu irraa daftanii ni baddu.
DEU 11:18 Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa.
DEU 11:19 Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
DEU 11:20 Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi;
DEU 11:21 kunis akka umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii biyya Waaqayyo abbootii keessaniif kennuuf kakate keessatti akkuma umurii samiiwwan lafaa oli jiraniitti dheeratuuf.
DEU 11:22 Yoo isin ajajawwan ani isiniif kennu kanneen hunda of eeggannoodhaan duukaa buutan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattan, karaa isaa hunda irra deemtanii fi isatti maxxantan,
DEU 11:23 Waaqayyo saboota hunda fuula keessan duraa ariʼee ni baasa; isinis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo ni dhaaltu.
DEU 11:24 Lafti miilli keessan irra dhaabate hundinuu keessan taʼa; daariin keessanis gammoojjiidhaa hamma Libaanoonitti, laga Efraaxiisii hamma galaana lixaatti ni balʼata.
DEU 11:25 Namni kam iyyuu fuula keessan dura dhaabachuu hin dandaʼu. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma isin abdachiisetti rifachiisuu fi sodaachisuu keessan lafa isin dhaqxan hunda irra ni buusa.
DEU 11:26 Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa fuula keessan dura nan kaaʼa;
DEU 11:27 eebbi kunis yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii kanneen ani harʼa isiniif kennu eegdanii dha.
DEU 11:28 Abaarsi immoo yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼuu diddanii karaa ani harʼa isin ajaje irraa garagaltanii waaqota biraa kanneen isin duraan hin beekne duukaa buutanii dha.
DEU 11:29 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtu kanatti si fidutti Tulluu Gerziim irratti eebba, Tulluu Eebaal irratti immoo abaarsa labsita.
DEU 11:30 Tulluuwwan kunneen Yordaanos gamatti, karaa gara lixa biiftuutti geessuun gama lixaatti, muka Mooree guddicha biratti, biyya Kanaʼaanota Arabbaa keessa jiraatan keessatti fuullee Gilgaalitti argamu mitii?
DEU 11:31 Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kennu seentanii dhaaluuf Yordaanosin ceʼuudhaaf jirtu; yommuu lafa sana dhaaltanii irra jiraattanitti,
DEU 11:32 ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu hunda eegaa.
DEU 12:1 Sirnawwanii fi seerawwan isin bara lafa irra jiraattan guutuu biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii akka isin dhaaltaniif isiniif kenne keessatti of eeggannaadhaan eegdan kanneenii dha.
DEU 12:2 Iddoowwan saboonni isin irraa fudhattan waaqota isaanii itti waaqeffatan kanneen tulluuwwan ol dhedheeroo fi gaarran irraa, akkasumas kanneen muka lalisaa kam iyyuu jalaa hunda guutumaan guutuutti balleessaa;
DEU 12:3 iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; utubaawwan isaanii kanneen sagadaa caccabsaa; Aasheeraa isaanii ibiddaan gubaa; fakkii waaqota isaanii kukkutaa gataa; maqaa isaanii illee iddoo sanaa balleessaa.
DEU 12:4 Isin haala isaan waaqeffataniin Waaqayyo Waaqa keessan hin waaqeffatinaa.
DEU 12:5 Garuu iddoo Waaqayyo Waaqni keessan Maqaa isaa achi dhaabuuf jedhee iddoo jireenya isaatiif gosoota keessan hunda keessaa filatu barbaadaa. Achis dhaqaa;
DEU 12:6 achittis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, waan kennuuf wareegdanii fi kennaa fedhiidhaan kennitan, loonii fi bushaayee keessan keessaa hangafa dhiʼeessaa.
DEU 12:7 Achittis atii fi warri mana kee jiraatan fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti ni nyaattu; sababii Waaqayyo Waaqni keessan hojii harka keessanii hundaan isin eebbiseefis ni gammaddu.
DEU 12:8 Akka nu harʼa godhaa jirru kana, akka tokkoon tokkoon namaa waanuma tolaa itti fakkaate godhu kana hin godhinaa;
DEU 12:9 isin amma iyyuu boqonnaa fi dhaala Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kennu hin geenyeetii.
DEU 12:10 Garuu Yordaanos ceetanii biyya Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu keessa ni qubattu; innis akka isin nagaan jiraattaniif diinota naannoo keessanii hunda jalaa boqonnaa isinii kenna.
DEU 12:11 Ergasiis gara Waaqayyo Waaqni keessan iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatuutti waan ani isin ajaje hunda fiduu qabdu; kunis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, akkasumas wareega filatamaa Waaqayyoof kennuuf wareegdan hundaa dha.
DEU 12:12 Achittis isin, ilmaanii fi intallan keessan, hojjetaa fi xomboreen keessan, akkasumas Lewwonni magaalaawwan keessan keessa jiraatan kanneen qooda yookaan dhaala mataa isaanii hin qabnes fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa.
DEU 12:13 Akka aarsaa keessan kan gubamu idduma argitan hundatti hin dhiʼeessine of eeggadhaa.
DEU 12:14 Iddoo Waaqayyo gosoota kee keessaa filatu tokko qofatti aarsaawwan gubaman dhiʼeessi; achittis waan ani si ajaju hunda eegi.
DEU 12:15 Taʼus akkuma eebba Waaqayyo Waaqni kee siif kennuutti, magaalaawwan kee kam iyyuu keessatti kuruphee yookaan gadamsa qaladhuutii hamma feete nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼanis foon kana nyaachuu ni dandaʼu.
DEU 12:16 Isin garuu dhiiga sana hin nyaatinaa; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasaa.
DEU 12:17 Ati midhaan kee yookaan daadhii wayinii keetii yookaan zayitii kee harka kudhan keessaa harka tokko yookaan kennaa hangafa loon keetii yookaan kan bushaayee keetii yookaan waan kennuuf wareega gootu kam iyyuu yookaan kennaa fedhii keetiin kennitu yookaan kennaa addaa magaalaawwan kee keessatti hin nyaatin.
DEU 12:18 Qooda kanaa iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatuutti ati, ilmaan kee, intallan kee, hojjettoonni kee dhiiraa dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa; atis waan harki kee hojjetu hundaan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.
DEU 12:19 Bara biyya kee keessa jiraattu guutuu akka Lewwota hin daganne of eeggadhu.
DEU 12:20 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti biyya kee siif balʼisutti, ati yoo foon dharraatee, “Ani foon nyaachuu fedha” jette, hamma feete nyaachuu dandeessa.
DEU 12:21 Yoo iddoon Waaqayyo Waaqni kee Maqaa isaa achi dhaabbachuuf filatu akka malee sirraa fagoo taʼe, akkuma ani si ajajetti loonii fi bushaayee Waaqayyo Waaqni kee siif kenne keessaa qalachuu, magaalaawwan kee keessattis hamma feete nyaachuu dandeessa.
DEU 12:22 Akkuma kurupheen yookaan gadamsi nyaatamu sana isaan nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼan hundi nyaachuu ni dandaʼu.
DEU 12:23 Garuu akka dhiiga hin nyaanne of eeggadhu; sababiin isaa dhiigni waan lubbuu taʼeef ati foon wajjin lubbuu hin nyaatin.
DEU 12:24 Ati dhiiga hin nyaatin; akkuma bishaanii lafatti dhangalaasi.
DEU 12:25 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duubaan dhalataniif toluuf ati dhiiga hin nyaatin; ati fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
DEU 12:26 Garuu wantoota kee qulqulluu fi waan kennuuf wareegde fudhadhuu iddoo Waaqayyo filatu dhaqi.
DEU 12:27 Foonii fi dhiiga aarsaa kee kan gubamuu iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii irratti dhiʼeessi. Dhiigni aarsaa keetii iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii biratti dhangalaafamuu qaba; foon isaa garuu nyaachuu dandeessa.
DEU 12:28 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duuba dhalataniif yeroo hunda toluuf qajeelchawwan ani siif kennu kanneen hunda of eeggannaadhaan eegi; sababiin isaa ati ija Waaqayyo Waaqa keetii duratti waan gaarii fi qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
DEU 12:29 Waaqayyo Waaqni kee saboota ati weerartee biyyaa baasuuf jirtu fuula kee duraa ni balleessa. Ati garuu yommuu ariitee isaan baaftee lafa isaanii irra qubattutti,
DEU 12:30 erga isaan fuula kee duraa balleeffamanii booddees, “Saboonni kunneen akkamitti waaqota isaanii tajaajilu? Anis akkasuman godha” jettee waaʼee waaqota isaanii gaafachuudhaan kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu.
DEU 12:31 Isaan sababii waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojii jibbisiisaa Waaqayyo jibbu hedduu hojjetaniif, ati haala isaaniitiin Waaqayyo Waaqa kee hin waaqeffatin. Isaan ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii illee waaqota isaaniitiif aarsaa godhanii ibiddaan gubu.
DEU 12:32 Ati waan ani si ajaju hunda eegi; itti hin dabalin; irraas hin hirʼisin.
DEU 13:1 Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime,
DEU 13:2 yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, “Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu” siin jedhe,
DEU 13:3 ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Waaqayyo Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii.
DEU 13:4 Waaqayyo Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
DEU 13:5 Raajaan yookaan namichi abjuu abjootu sun, sababii akka isin Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxiitii isin baasee biyya garbummaa jalaa isin fure sanatti finciltan dubbateef ajjeefamuu qaba; inni karaa Waaqayyo Waaqni keessan akka duukaa buutan isin ajaje irraa isin jalʼisuuf yaaleera; hamaa of keessaa balleessi.
DEU 13:6 Yoo obboleessi kee yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan niitiin kee kan ati jaallattu yookaan michuun kee, “Kottu waaqota biraa kanneen atis taatu abbootiin kee hin beekin waaqeffannaa” jedhee dhoksaadhaan si dogoggorsuu barbaade,
DEU 13:7 yoo inni waaqota saboota naannoo keetii, kanneen dhiʼoo yookaan fagoo jiran, warra daarii lafaa tokkoo hamma daarii lafaa kaaniitti jiranii waaqeffanna, siin jedhe,
DEU 13:8 tole hin jedhiniif yookaan isa hin dhagaʼin. Hin naʼiniif. Isaaf hin hilin yookaan harka irra hin qabin.
DEU 13:9 Ati isa ajjeesuu qabda. Isa ajjeesuufis jalqabatti harki kee, itti aansees harki saba hundaa haa kaʼu.
DEU 13:10 Waan inni akka ati Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana irraa garagaltu godheef dhagaadhaan tumii isa ajjeesi.
DEU 13:11 Ergasii Israaʼeloonni hundi dhagaʼanii ni sodaatu; si gidduudhaas eenyu iyyuu deebiʼee waan hamaa akkasii hin hojjetu.
DEU 13:12 Yoo ati magaalaawwan akka ati keessa jiraattuuf Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessaa tokkotti iyyuu utuu akkas jedhamuu dhageesse,
DEU 13:13 yoo namoonni hamoon isin gidduudhaa kaʼanii, “Kottaa waaqota biraa kanneen isin hin beekne waaqeffannaa” jedhanii saba magaalaa isaanii dogoggorsu taʼe,
DEU 13:14 dubbii sana iyyaafadhu; qoradhu; sirriitti gaafadhu. Kunoo, yoo dubbiin sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan kun gidduu keetti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe,
DEU 13:15 ati namoota magaalaa sana keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi; magaalaa sana illee namoota isheetii fi horii ishee wajjin guutumaan guutuutti barbadeessi.
DEU 13:16 Miʼa boojuu kan magaalaa sanaa argame hunda walakkaa oobdii isheetti walitti qabiitii magaalaa sana guutuu boojuu ishee wajjin Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa guutummaan gubamu godhiitii gubi. Isheen bara baraan barbadooftee haa haftu; deebitees hin ijaaramin.
DEU 13:17 Akka Waaqayyo dheekkamsa isaa sodaachisaa irraa deebiʼuuf wanni abaarame tokko harka keetti hin argamin; inni siif araarama; garaa siif laafa; akkuma abbootii keetiif kakatetti si baayʼisa;
DEU 13:18 kunis waan ati ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda eegdee fuula isaa duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtuuf.
DEU 14:1 Isin ijoollee Waaqayyo Waaqa keessanii ti. Nama duʼeef jettanii of hin murmurinaa yookaan rifeensa adda keessaniin oli jiru hin haaddatinaa;
DEU 14:2 ati Waaqayyo Waaqa keetiif saba qulqulluudhaatii. Waaqayyo akka ati qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filateera.
DEU 14:3 Ati waan jibbisiisaa tokko illee hin nyaatin.
DEU 14:4 Horiin isin nyaachuu dandeessan kanneenii dha; sangaa, hoolaa, reʼee,
DEU 14:5 gadamsa, kuruphee, borofa, reʼee diidaa, waaliyaa, saalaa fi hoolaa tulluu.
DEU 14:6 Horii kotteen isaa baqaqee iddoo lamatti gargar qoodame kan halala guuru nyaachuu ni dandeessu.
DEU 14:7 Garuu warra halala guuran yookaan warra kottee baqaqaa qaban keessaa gaala, illeettii, yookaan osolee hin nyaatinaa; isaan kunneen halala guuran iyyuu waan kotteen isaanii duudaa taʼeef isaan akka seeraatti isiniif qulqulluu miti.
DEU 14:8 Booyyeenis qulqulluu miti; kotteen isaa baqaqaa taʼus booyyeen halala hin guuru. Isin foon isaanii hin nyaatinaa yookaan raqa isaanii hin tuqinaa.
DEU 14:9 Uumamawwan bishaan keessa jiraatan hunda keessaa warra qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
DEU 14:10 Garuu warra qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan isiniif qulqulluu miti.
DEU 14:11 Isin simbira qulqulluu kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
DEU 14:12 Isaan kanneen garuu hin nyaatinaa; isaanis risaa, rumicha, rumicha gurraacha,
DEU 14:13 culullee, culullee gurraacha, culullee gosa garaa garaa,
DEU 14:14 arraagessa gosa garaa garaa,
DEU 14:15 guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa,
DEU 14:16 urunguu xinnaa, urunguu guddaa, urunguu adii,
DEU 14:17 urunguu gammoojjii, abbaa koddaa, urunguu guddaa,
DEU 14:18 huummoo, allaattii gosa kamii iyyuu, haadha gaayyeetii fi simbira halkanii ti.
DEU 14:19 Ilbiisonni barrisan hundinuu isiniif qulqulluu miti; isaan hin nyaatinaa.
DEU 14:20 Uumamawwan qoochoo qaban kanneen qulqulluu taʼan kam iyyuu garuu nyaachuu dandeessu.
DEU 14:21 Waan ofii isaatiin duʼe tokko illee hin nyaatin. Akka inni nyaatuuf alagaa magaalaa kee keessa jiraatuuf kenni yookaan nama ormaa tokkotti gurguradhu. Ati garuu saba Waaqayyo Waaqa keetiif qulqulleeffamtee dha. Ilmoo reʼee tokko aannan haadhaa isheetiin hin affeelin.
DEU 14:22 Waan lafti qotiisaa kee waggaatti kennu hunda keessaa kudhan keessaa tokko kophaatti baasii kaaʼi.
DEU 14:23 Akka Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu barattuuf iddoo inni akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti midhaan kee, wayinii kee haaraa fi zayitii kee akkasumas hangafa loonii fi bushaayee kee fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhu.
DEU 14:24 Garuu yoo iddoon sun akka malee fagaatee, atis Waaqayyo Waaqa keetiin eebbifamtee sababii iddoon Waaqayyo akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatu sun fagoo taʼeef kennaa kee kudhan keessaa tokko baachuu dadhabde,
DEU 14:25 kennaa kee kan kudhan keessaa tokko sana meetiitti geeddariitii, meetii sana qabadhuutii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatu dhaqi.
DEU 14:26 Meetii sanaanis waanuma feete jechuunis, loon, hoolota, daadhii wayinii yookaan dhugaatii jabaa, yookaan waan barbaadde kam iyyuu biti. Ergasii atii fi warri mana keetii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa gammadaa.
DEU 14:27 Lewwonni magaalaa kee keessa jiraatan qooda yookaan dhaala ofii isaanii waan hin qabneef ati isaan hin dagatin.
DEU 14:28 Yeroo hunda dhuma waggaa sadaffaatti waan waggaa sana keessa galfatte kudhan keessaa tokko fuudhiitii magaalaawwan keessatti kuusi.
DEU 14:29 Kunis akka Lewwonni qooda yookaan dhaala ofii isaanii hin qabne, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan warri magaalaawwan keessa jiraatan nyaatanii quufanii fi akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf.
DEU 15:1 Ati yeroo hunda dhuma waggaa torbaffaatti gatii namaaf dhiisuu qabda.
DEU 15:2 Kunis akkanatti taʼa: namni liqii kennu hundii liqii ollaa isaa nama Israaʼeliif liqeesse dhiisuufii qaba. Sababii yeroon Waaqayyoo kan itti gatiin namaaf dhiifamu labsameef inni ollaa isaa yookaan obboleessa isaa Israaʼelicha irraa waan isaaf liqeesse hin gaafatin.
DEU 15:3 Ati waan alagaaf liqeessite gaafachuu ni dandeessa; garuu waan obboleessi kee sirraa liqeeffate dhiisuufii qabda.
DEU 15:4 Taʼus waan Waaqayyo Waaqni kee biyya akka ati dhaaltuuf siif kennu irratti akka malee si eebbisuuf hiyyeessi gidduu keetti hin argamu;
DEU 15:5 kunis yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee fi yoo ati ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen hunda eegde qofa taʼa.
DEU 15:6 Waan Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf ati saboota baayʼeedhaaf liqeessita malee tokko irraa iyyuu hin liqeeffattu. Ati saboota baayʼee bulchita malee isaan si hin bulchan.
DEU 15:7 Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessatti yoo obboloota kee gidduu hiyyeessi jiraate obboleessa kee sana irratti garaan kee hin jabaatin yookaan isa gargaaruu irraa harka kee hin deebifatin.
DEU 15:8 Qooda kanaa harka kee isaaf diriirsiitii waan isa gaʼu liqeessiif.
DEU 15:9 Akka yaadni hamaan, “Waggaan torbaffaan, waggaan itti gatiin namaaf dhiifamu sun dhiʼaateera” jedhu si keessatti kuufamee ati akkasiin obboleessa kee rakkataa ija hamaadhaan ilaaltee gargaaruu hin dhiifne of eeggadhu. Inni Waaqayyotti ol iyyata; kunis cubbuu sitti taʼa.
DEU 15:10 Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf Waaqayyo Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa.
DEU 15:11 Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja.
DEU 15:12 Yoo namni gosa Ibrootaa, dhiirri yookaan dubartiin sitti gurguramtee waggaa jaʼa siif hojjette, waggaa torbafaatti bilisa baasii gad dhiisi.
DEU 15:13 Yommuu gad dhiiftuttis harka duwwaa hin geggeessin.
DEU 15:14 Bushaayee kee keessaa, oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa arjummaadhaan kenniif. Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si eebbisetti isaaf kenni.
DEU 15:15 Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee si fure yaadadhu. Wanni ani harʼa ajaja kana siif kennuufis kanuma.
DEU 15:16 Garuu yoo garbichi kee sun sababii siʼii fi maatii kee jaallatuuf si wajjin jiraachuun itti tolee, “Ani si dhiisee hin deemu” siin jedhe,
DEU 15:17 mutaa fuudhii balbala irratti gurra isaa uri; innis bara baraan garbicha kee taʼa. Garbittii kees akkasuma godhi.
DEU 15:18 Garbicha kee bilisoomsuun waan ulfaataa sitti hin fakkaatin; tajaajilli isaa kan waggaa jaʼaa sun gatii nama qaxaramee hojjetu tokkootti harka lama tureetii. Waaqayyo Waaqni kee waan ati hojjetu hundaan si eebbisa.
DEU 15:19 Loonii fi bushaayee kee keessaa korma hangafa hunda Waaqayyo Waaqa keetiif addaan baasi; qotiyyoo kee keessaa hangafaan hin hojjetin; hangafa hoolaa keetii irraa rifeensa hin murin.
DEU 15:20 Waggaa waggaadhaan atii fi maatiin kee iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatutti fuula isaa duratti isaan nyaattu.
DEU 15:21 Yoo horiin sun hirʼina qabaate jechuunis yoo inni naafa yookaan jaamaa yookaan mudaa hamaa kam iyyuu qabaate, ati horii sana aarsaa gootee Waaqayyo Waaqa keetiif hin dhiʼeessin.
DEU 15:22 Ati magaalaa kee keessatti nyaadhu. Akkuma waan horiin sun kuruphee yookaan gadamsa taʼeetti namni akka seeraatti qulqulluu hin taʼinii fi kan qulqulluu taʼe nyaachuu dandaʼa.
DEU 15:23 Ati garuu dhiiga sana hin nyaatin; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasi.
DEU 16:1 Sababii Waaqayyo Waaqni kee jiʼa Abiibii keessa halkaniin Gibxii si baaseef jiʼa Abiibii kabaji; Faasiikaa Waaqayyo Waaqa keetiis ayyaaneffadhu.
DEU 16:2 Iddoo Waaqayyo Waaqni kee akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti bushaayee kee yookaan loon kee keessaa Faasiikaa godhii Waaqayyo Waaqa keetiif qali.
DEU 16:3 Ati akka bara jireenya keetii guutuu guyyaa itti Gibxii baate sana yaadattuuf Faasiikaa sana buddeena raacitii qabu wajjin hin nyaatin; garuu ati sababii ariitiidhaan biyya Gibxiitii baateef bultii torba maxinoo jechuunis buddeena rakkinaa nyaadhu.
DEU 16:4 Guutummaa biyya keetii keessatti bultii torbaaf raacitiin hin argamin. Foon ati galgala guyyaa jalqabaatti aarsaa gootu hamma bariitti hin turin.
DEU 16:5 Ati magaalaa Waaqayyo Waaqni kee siif kennu kamitti iyyuu Faasiikaa hin dhiʼeessin;
DEU 16:6 garuu lafa inni iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti galgala yeroo biiftuun gad buututti yaadannoo guyyaa itti biyya Gibxiitii baateetiif aarsaa Faasiikaa dhiʼeessi.
DEU 16:7 Aarsaa Faasiikaa sana waadiitii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatutti nyaadhu. Ergasiis ganama gara dunkaana keetiitti deebiʼi.
DEU 16:8 Bultii jaʼa maxinoo nyaadhu; bultii torbaffaatti immoo Waaqayyo Waaqa keetiif wal gaʼii qulqulluu godhi; hojii illee hin hojjetin.
DEU 16:9 Gaafa midhaan kee haamuu jalqabdee kaasii torbanoota torba lakkaaʼi.
DEU 16:10 Ergasiis akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni kee siif kenneetti kennaa fedhiidhaan kennitu dhiʼeessuudhaan Ayyaana Torbanootaa Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu.
DEU 16:11 Ati, ilmaanii fi intallan kee, hojjettoonni kee dhiironnii fi dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen isin gidduu jiraatan achitti, iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti fuula isaa duratti ni gammaddu.
DEU 16:12 Ati akka Gibxitti garba turte yaadadhu; seera kanas akka gaariitti eegi.
DEU 16:13 Erga oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa oomisha kee galfattee booddee guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii ayyaaneffadhu.
DEU 16:14 Ati, ilmaanii fi intallan kee, tajaajiltoonni kee dhiironnii fi dubartoonni, Lewwonni, alagoonni, ijoolleen abbootii hin qabnee fi dubartoonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen magaalaawwan kee keessa jiraatan ayyaana kee irratti gammadaa.
DEU 16:15 Ayyaana kanas iddoo Waaqayyo filatutti bultii torbaaf Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu. Sababii Waaqayyo Waaqni kee oomisha keetii fi hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf gammachuun kee guutuu taʼa.
DEU 16:16 Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii iddoo inni filatutti fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti dhiʼaachuu qabu; kunis yeroo Ayyaana Maxinoo, yeroo Ayyaana Torbanootaatii fi yeroo Ayyaana Daasii ti. Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaatin:
DEU 16:17 Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa.
DEU 16:18 Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu hundattuu gosoota kee hundaaf abbootii seeraatii fi qondaaltota muudi; isaanis dhugaadhaan namootaaf murtii kennu.
DEU 16:19 Ati murtii hin jalʼisin yookaan nama wal hin caalchisin. Mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ija ogeeyyii jaamsee dubbii qajeeltotaas jalʼisa.
DEU 16:20 Ati akka lubbuudhaan jiraattee lafa Waaqayyo Waaqni kee siif kennu dhaaltuuf murtii qajeelaa qofa duukaa buʼi.
DEU 16:21 Iddoo aarsaa kan Waaqayyo Waaqa keetiif dhaabde bira siidaa Aasheeraa hin dhaabin.
DEU 16:22 Soodduu dhagaa kan Waaqayyo Waaqni kee jibbu ofii keetiif hin dhaabbatin.
DEU 17:1 Sangaa yookaan hoolaa fafa yookaan hirʼina kam iyyuu qabu Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa hin dhiʼeessin; wanni akkasii isa biratti jibbisiisaa dhaatii.
DEU 17:2 Yoo dhiirri yookaan dubartiin magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessaa tokko keessa gidduu kee jiraattu tokko kakuu isaa cabsuudhaan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti waan hamaa hojjetee argame,
DEU 17:3 yoo ajaja koo darbee waaqota ormaa waaqeffate, gad jedhee biiftuuf yookaan jiʼaaf yookaan urjiiwwan samiitiif sagadde,
DEU 17:4 yoo wanni kun sitti himamee atis dhageesse, dubbicha gad qabii akka gaariitti qoradhu; yoo wanni jedhame sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe,
DEU 17:5 namicha yookaan dubartii waan hamaa kana hojjette gara balbala magaalaa sanaatti geessiitii dhagaadhaan tumii ajjeesi.
DEU 17:6 Namni duuti isaaf malu tokko dhuga baʼumsa nama lamaa yookaan sadiitiin haa ajjeefamu; garuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan namni kam iyyuu ajjeefamuu hin qabu.
DEU 17:7 Yommuu ajjeefamus jalqabatti harki dhuga baatotaa, itti aansee immoo kan sabaa isa irra haa buʼu; ati waan hamaa of keessaa baasuu qabda.
DEU 17:8 Yoo dubbiiwwan murteessuuf rakkisaa taʼan mana murtii keetti dhiʼaatan jechuunis kan akka dhiiga dhangalaasuu, wal mormii seera tokkootii fi kan biraa, yookaan miidhaa dhagna irra gaʼu kan garaa garaa gidduutti wanni murtii kennuuf rakkisu yoo kaʼe, ati lafa Waaqayyo Waaqni kee filatutti geessi.
DEU 17:9 Gara Lewwota warra luboota taʼaniitii fi qondaaltota yeroo sana hojii irra turanii dhaqi. Waaʼee dubbii sanaa isaaniin mariʼadhu; isaanis murtii isaa sitti himu.
DEU 17:10 Atis akkuma yaada isaan siif kennan sanaatti iddoo Waaqayyo filatutti murtii kennuu qabda. Waan hunda qajeelfama isaan siif kennaniin hojjedhu.
DEU 17:11 Akka seera isaan si barsiisaniittii fi akka qajeelfama isaan siif kennaniitti hojjedhu. Waan isaan sitti himan irraa mirgatti yookaan bitaatti hin gorin.
DEU 17:12 Namni abbaa seeraa yookaan luba Waaqayyo Waaqa kee tajaajiluuf achi dhaabatu tuffatu haa ajjeefamu. Ati waan hamaa Israaʼel keessaa baasuu qabda.
DEU 17:13 Sabni hundis waan kana dhagaʼee ni sodaata; itti deebiʼees hin tuffatu.
DEU 17:14 Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galtee dhaaltuu fi biyya sana keessa qubattee, “Akkuma saboota naannoo koo jiraataniitti anis mootii of irrattan moosisa” jettutti,
DEU 17:15 mootii Waaqayyo Waaqni kee filatu of irratti moosisi. Nama obboleessa kee Israaʼel taʼe keessaa malee nama biyya alaa of irratti hin moosisin.
DEU 17:16 Sababii Waaqayyo, “Lammata garas hin deebitan” jedhee sitti himeef, mootichi ofii isaatii fardeen hin baayʼifatin yookaan lakkoobsa fardeenii baayʼifachuuf jedhee gara Gibxitti saba hin deebisin.
DEU 17:17 Akka yaadni isaa hin badneef inni niitota baayʼee fuudhuu hin qabu; meetii fi warqee baayʼisees walitti qabachuu hin qabu.
DEU 17:18 Inni yommuu teessoo mootummaa isaa irra taaʼutti garagalchaa seera kanaa luboota Lewwota taʼan irraa fudhatee kitaaba maramaa irratti ofii isaatii haa barreeffatu.
DEU 17:19 Inni akka Waaqayyo Waaqa isaa sodaachuu baratuuf dubbii seera kanaa hundaa fi ajajawwan kanneen of eeggannaadhaan duukaa buʼuuf kitaabichi isa wajjin haa turu; innis bara jireenya isaa guutuu haa dubbisu;
DEU 17:20 kunis akka inni akka waan obboloota isaa caaluutti of ilaalee seericha irraa gara mirgaatti yookaan bitaatti hin gorreef. Akkasiinis innii fi sanyiin isaa mootummaa isaa irratti Israaʼel keessatti bara dheeraadhaaf ni mooʼu.
DEU 18:1 Luboonni warri Lewwota taʼan jechuunis gosti Lewwii hundi Israaʼel wajjin qooda lafaa yookaan dhaala hin argatan. Isaan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu irraa haa nyaatan; kun qooda isaaniitii.
DEU 18:2 Isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala tokko iyyuu hin qabaatin; akkuma inni isaan abdachiisetti Waaqayyo dhaala isaaniitii.
DEU 18:3 Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti.
DEU 18:4 Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda;
DEU 18:5 kunis sababii Waaqayyo Waaqni kee akka isaan yeroo hunda dhaabatanii maqaa Waaqayyootiin tajaajilaniif gosoota kee hunda keessaa sanyii isaanii filateef.
DEU 18:6 Lewwichi tokko yoo magaalaawwan kee kanneen guutummaa Israaʼel keessatti argaman kam iyyuu keessaa iddoo jiraatuu baʼee garaa guutuudhaan iddoo Waaqayyo Waaqni filatu dhufe,
DEU 18:7 innis akkuma Lewwota fuula Waaqayyoo dura dhaabatanii tajaajilaniitti achitti maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiin haa tajaajilu.
DEU 18:8 Inni qabeenya maatii isaa kan gurguramu irraa maallaqa argatu illee Lewwota michoota isaa wajjin faayidaa argamu wal qixxee hirmaachuu qaba.
DEU 18:9 Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galtutti, hojii balfamaa saboonni achi jiraatan hojjetan sana hojjechuu hin baratin.
DEU 18:10 Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun,
DEU 18:11 yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin.
DEU 18:12 Namni waan akkasii hojjetu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; sababii hojii jibbisiisaa kanaatiifis Waaqayyo Waaqni fuula kee duraa saboota ariʼee ni baasa.
DEU 18:13 Ati fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti hirʼina malee jiraachuu qabda.
DEU 18:14 Saboonni ati lafa isaanii irraa buqqiftu warra falfala hojjetan yookaan warra ilaalanii dha. Garuu akka ati waan akkasii hojjettu Waaqayyo Waaqni kee siif hin eeyyamamne.
DEU 18:15 Waaqayyo Waaqni kee obboloota kee keessaa raajii akka kootii tokko siif kaasa. Atis isa dhagaʼuu qabda.
DEU 18:16 Wanni ati gaafa waldaan Kooreebitti walitti qabame, “Ani akka hin duuneef lammata sagalee Waaqayyo Waaqa kootii hin dhagaʼu yookaan ibidda guddaa kana siʼachi hin argu” jettee Waaqayyoon Waaqa kee kadhatte kanaatii.
DEU 18:17 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Wanni isaan jedhan gaarii dha.
DEU 18:18 Ani raajii akka keetii obboloota isaanii gidduudhaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa; innis waan ani isa ajaju hunda isaanitti hima.
DEU 18:19 Nama dubbii koo kan raajiin maqaa kootiin dubbatu dhagaʼuu didu kam iyyuu, ani mataan koo isa nan gaafadha.
DEU 18:20 Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”
DEU 18:21 Ati garaa keetti, “Nu dubbii Waaqayyo nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?” jetta taʼa.
DEU 18:22 Yoo wanni raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Waaqayyo hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.
DEU 19:1 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee saboota biyya isaanii siif kennu balleessutti, yommuu ati ariitee isaan baaftee magaalaawwanii fi manneen isaanii keessa qubattutti,
DEU 19:2 walakkaa biyya Waaqayyo Waaqni kee akka ati dhaaltuuf siif kennutti ofii keetiif magaalaawwan sadii addaan baafadhu.
DEU 19:3 Akka namni nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf daandiiwwan hojjedhuutii biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu iddoo sadiitti qoodi.
DEU 19:4 Seerri waaʼee nama nama ajjeesee lubbuu isaa baafachuuf achitti baqatuu jechuunis kan utuu hammina itti hin yaadin akka tasaa nama ollaa isaa ajjeesuu tokko ilaalu kanaa dha.
DEU 19:5 Namni tokko yoo muka murachuuf namicha ollaa isaa wajjin bosona seenee utuu muka muruuf qottoo isaa ol fudhatuu akkuma tasaa sibiilli irraa buqqaʼee namicha ollaa isaa sana dhaʼee ajjeese, namni sun magaalaawwan kanneen keessaa isa tokkotti baqatee lubbuu ofii isaa oolfachuu dandaʼa.
DEU 19:6 Yoo kanaa achii namni haaloo dhiigaa baasu tokko waan namichi nama ajjeese sun utuu duraan dursee hammina itti hin yaadin ollaa isaa ajjeeseef yoo ajjeefamuu hin qabaatin illee fagoo taʼu iyyuu inni aariidhaan duukaa buʼee qaqqabee isa ajjeesuu dandaʼa.
DEU 19:7 Sababiin ani akka ati magaalaa sadii ofii keetiif addaan baafattu si ajajeefis kanuma.
DEU 19:8 Yoo Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya kee siif balʼisee biyya waadaa isaaniif gale sana guutummaatti siif kenne,
DEU 19:9 ati Waaqayyoon Waaqa kee akka jaallachuu fi yeroo hunda karaa isaa irra akka deemtuuf ajajawwan ani harʼa siif kennu hunda akka gaariitti yoo eegde, magaalaawwan kanneen irratti magaalaawwan sadii ni dabalatta.
DEU 19:10 Akka lafa kee kan Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennu keessatti dhiigni nama qulqulluu hin dhangalaanee fi atis yakka dhiiga dhangalaasuutti akka hin gaafatamneef waan kana godhi.
DEU 19:11 Garuu yoo namni tokko nama ollaa isaa jibbee riphee eeggachuudhaan miidhaa irraan gaʼee isa ajjeesee ergasii immoo magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqate,
DEU 19:12 maanguddoonni magaalaa inni keessa jiraachaa turee nama itti erganii magaalaa inni itti baqate sanaa isa haa fichisiisan; akka inni ajjeesuufis nama haaloo dhiigaa baʼutti dabarsanii isa haa kennan.
DEU 19:13 Garaa hin laafiniif; akka siif toluuf yakka dhangalaafama dhiiga nama qulqulluu Israaʼel keessaa balleessi.
DEU 19:14 Biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti dhaala dabarfamee siif kennamu irratti dhagaa mallattoo daangaa ollaa keetii kan namoonni durii dhaaban hin hiiqsin.
DEU 19:15 Nama yakka yookaan seera cabsuu kamiin iyyuu himatame tokkotti muruuf dhuga baʼumsi nama tokkoo gaʼaa miti. Dubbiin sun dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.
DEU 19:16 Yoo dhuga baatuun jalʼaan tokko sobaan nama tokkotti dhugaa baʼe,
DEU 19:17 namoonni wal dhaban lamaan fuula Waaqayyoo duratti lubootaa fi abbootii murtii kanneen yeroo sanatti hojii irra jiran dura haa dhaabatan.
DEU 19:18 Abbootiin murtiis dubbicha gad fageessanii haa qoran; yoo dhuga baatuun sun sobduu taʼuun isaa mirkanaaʼee obboleessa isaa irratti sobaan dhugaa baʼe,
DEU 19:19 waanuma inni obboleessa isaa gochuu yaade sana isa godhaa. Ati hamaa of keessaa baasuu qabda.
DEU 19:20 Namoonni hafan waan kana dhagaʼanii ni sodaatu; wanni hamaan akkasiis lammata gidduu keetti hin hojjetamu.
DEU 19:21 Ati gara laafina tokko iyyuu hin argisiisin; qooda lubbuu lubbuun, qooda ijaa ijji, qooda ilkaanii ilkaan, qooda harkaa harki, qooda miillaas miilli baafamuu qaba.
DEU 20:1 Sababii Waaqayyo Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase sun si wajjin jiruuf yommuu diinota kee loluuf baatutti fardeenii fi gaariiwwan akkasumas humna waraanaa kan humna waraanaa kee caalu argitutti hin sodaatin.
DEU 20:2 Yommuu ati waraanatti dhiʼaattutti lubni fuula duratti baʼee loltootatti haa dubbatu.
DEU 20:3 Innis akkana haa jedhu; “Yaa Israaʼel, isin harʼa diinota keessan loluuf waraanatti seenuuf jirtu. Garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatinaa; hin naʼinaa yookaan fuula diinota keessanii duratti hin hollatinaa.
DEU 20:4 Kan moʼannaa isiniif kennuuf jedhee diinota keessan isiniif loluuf isin wajjin baʼu Waaqayyo Waaqa keessaniitii.”
DEU 20:5 Ajajjoonni loltootaa immoo loltootaan akkana haa jedhan: “Namni mana haaraa ijaaree hin eebbisiisin tokko iyyuu jiraa? Inni gara mana isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni waraana irratti duʼee namni biraa mana isaa eebbisa.
DEU 20:6 Namni wayinii dhaabee irraa hin nyaatin jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola keessatti duʼee namni biraa wayinii sana nyaata.
DEU 20:7 Namni niitii fuudhuuf kadhatee utuu hin fuudhin dhufe jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola irratti duʼee namni biraa ishee fuudha.”
DEU 20:8 Ajajjoonni loltootaa ammas, “Namni sodaatu yookaan kan garaan isaa raafamu jiraa? Akka garaan obboloota isaas hin raafamneef inni gara mana isaatti haa deebiʼu” haa jedhan.
DEU 20:9 Ajajjoonni yommuu loltootatti dubbatanii raawwatanitti loltoota irratti ajajjoota haa muudan.
DEU 20:10 Ati yommuu magaalaa tokko dhaʼuuf baatutti, duraan dursii namoota magaalaa sana keessa jiraataniif waamicha nagaa godhi.
DEU 20:11 Yoo isaan tole jedhanii balbala siif banan, namni hundi siif haa bulu; hojjetaa kees haa taʼu.
DEU 20:12 Yoo isaan waamicha nagaa fudhachuu didanii waraanaaf sitti baʼan ati magaalattii marsi.
DEU 20:13 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee dabarsee isaan sitti kennutti dhiirota magaalattii keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi.
DEU 20:14 Garuu nadheenii fi ijoollee, horii fi waan magaalattii keessatti argamu hunda boojiʼiitii ofii keetii fudhadhu; ati boojuu Waaqayyo Waaqni kee diinota kee irratti siif kennetti fayyadamuu ni dandeessa.
DEU 20:15 Akki ati magaalaawwan saboota naannoo keetii hin taʼin kanneen akka malee fagoo taʼan gootus kanuma.
DEU 20:16 Taʼus magaalaawwan saboota Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu keessatti waan hafuura baafatu tokko illee hin hambisin.
DEU 20:17 Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti guutumaan guutuutti isaan barbadeessi; isaanis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota.
DEU 20:18 Yoo kanaa achii akka ati waan jibbisiisaa isaan waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojjetan sana duukaa buutu si barsiisu; atis Waaqayyo Waaqa keetti cubbuu hojjetta.
DEU 20:19 Ati yommuu yeroo dheeraadhaaf magaalaa sana marsitee qabachuudhaaf ishee waraantutti, mukkeen ishee qottoodhaan cirtee hin balleessin; ati midhaan isaanii nyaachuu dandeessaatii isaan hin cirin. Ati kan isaan marsitu mukkeen bosonaa namoota taʼaniitii?
DEU 20:20 Garuu hamma magaalaan si wajjin wal loltu sun kuftutti mukkeen akka isaan gumaa hin naqanne beektu murtee hojii ijaarsa marsuutiif itti fayyadamuu ni dandeessa.
DEU 21:1 Yoo namni tokko biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti duʼee argamee namni isa ajjeese hin beekamin,
DEU 21:2 maanguddoonni keetii fi abbootiin murtii kee dhaqanii fageenya iddoo inni itti duʼee fi magaalaawwan itti dhiʼaatan gidduu jiru haa safaran.
DEU 21:3 Ergasiis maanguddoonni magaalaa reeffichatti aantu keessa jiraatan goromsa takkumaa hin hojjetin kan waanjoo hin baatin fuudhanii
DEU 21:4 goromsa sana gara sulula hin qotamin yookaan wanni tokko iyyuu irra hin facaafamin kan bishaan yaaʼu qabuutti haa geessan. Sulula sana keessattis morma goromsa sanaa haa cabsan.
DEU 21:5 Luboonni jechuunis ilmaan Lewwii sababii akka tajaajilanii fi akka maqaa Waaqayyootiin eebbisaniif, akka dubbii wal dhabiisaatii fi miidhaa dhagnaa kami irratti iyyuu murtii kennaniif Waaqayyo Waaqa keetiin filatamaniif isaan fuulduraatti haa dhiʼaatan.
DEU 21:6 Ergasii maanguddoonni magaalaa reeffichatti baayʼee dhiʼaatuu hundi goromsa sulula keessatti mormi cabsame sana irratti harka isaanii haa dhiqatan.
DEU 21:7 Isaanis akkana haa jedhan: “Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaafne yookaan yommuu wanni kun hojjetame iji keenya hin argine.
DEU 21:8 Yaa Waaqayyo, aarsaa araaraa kana saba kee Israaʼel kan furte sanaaf fudhadhu; dhiiga nama qulqulluu kanaas saba keetti hin herregin. Yakkii dhiiga dhangalaafamees isaanii haa dhiifamu.
DEU 21:9 Atis sababii waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjetteef yakka dhangalaafamuu dhiiga nama qajeelaa akkasiin gidduu keetii ni balleessita.”
DEU 21:10 Ati yommuu diinota kee loluuf duultee Waaqayyo Waaqni kee dabarsee harka keetti isaan siif kennee boojuu fudhattutti,
DEU 21:11 yoo warra boojiʼaman keessatti dubartii bareedduu tokko argitee ishee jaallatte niitii ofii keetii godhattee ishee fuudhuu dandeessa.
DEU 21:12 Mana keetti ishee galchi; isheenis mataa ishee haa haaddattu; qeensa ishees haa qorattu;
DEU 21:13 uffata isheen yeroo boojiʼamtetti uffachaa turtes irraa baasi. Erga isheen mana kee keessa jiraattee jiʼa tokko guutuu abbaa fi haadha isheetiif boossee booddee ati ishee wajjin ciiftee dhirsa ishee taʼuu dandeessa; isheenis niitii kee ni taati.
DEU 21:14 Ati yoo isheetti gammaduu baatte akka isheen gara feete deemtu gad dhiisi. Ati waan ishee salphifteef ishee gurguruu yookaan akka garbittiitti ishee ilaaluu hin qabdu.
DEU 21:15 Namni tokko yoo niitota lama qabaatee ishee tokko jaallatee garuu lamaan isaanii iyyuu ilmaan daʼaniif, yoo ilmi hangafni niitii inni hin jaallanne sana irraa dhalate,
DEU 21:16 namichi yommuu qabeenya isaa ilmaan isaatiif qoodutti mirga hangafummaa ilma niitii jibbe sanaa ilma niitii jaallatuutiif dabarsee kennuu hin qabu.
DEU 21:17 Garuu ilma hangafticha niitii hin jaallanne sana irraa dhalcheef qooda dhaala isaa keessaa harka lama kennuufiidhaan isa beeksisuu qaba. Ilmi sun mallattoo jalqabaa kan jabina abbaa isaa ti. Mirgi hangafummaa kan isaa ti.
DEU 21:18 Namni tokko yoo ilma mata jabeessaa fi fincilaa abbaa fi haadha isaatiif hin ajajamnee fi kan yommuu isa adaban hin dhageenye qabaate,
DEU 21:19 abbaa fi haati isaa qabanii balbala magaalaa isaa duratti maanguddootatti isa haa fidan.
DEU 21:20 Isaanis, “Gurbaan keenya kun mata jabeessaa fi fincilaa dha; nuuf hin ajajamu; inni albaadhessaa fi machooftuu dha” jedhanii maanguddootatti haa himan.
DEU 21:21 Ergasiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa ajjeesu. Ati hamaa of gidduudhaa baasuu qabda. Israaʼeloonni hundi waan kana dhagaʼanii ni sodaatu.
DEU 21:22 Yoo namni tokko cubbuu adabbii duʼa isatti mursiisu hojjetee ajjeefamee reeffi isaa mukatti fannifame,
DEU 21:23 ati reeffa isaa muka irra bulchuu hin qabdu. Waan namni muka irratti fannifamu abaarsa Waaqaa jala jiruuf isa gaafuma sana awwaali. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu hin xureessin.
DEU 22:1 Utuu sangaan yookaan hoolaan obboleessa keetii badaa jiruu yoo argite, deebisiitii isatti fidi malee calʼiftee bira hin darbin.
DEU 22:2 Yoo obboleessi sun sirraa fagoo jiraate yookaan yoo isa beekuu baatte sangaa yookaan hoolaa sana fuudhii galiitii hamma inni barbaacha dhufutti of bira tursi. Ergasii deebisii isaaf kenni.
DEU 22:3 Yoo harreen yookaan wayyaan yookaan wanni fedhe iyyuu obboleessa kee jalaa badee argite akkasuma godhi malee dhiiftee bira hin darbin.
DEU 22:4 Yoo harreen yookaan sangaan obboleessa keetii karaa irratti kufee argite akka inni ol kaasee miilla isaatiin dhaabu gargaari malee bira hin darbin.
DEU 22:5 Dubartiin uffata dhiiraa uffachuu hin qabdu yookaan dhiirri uffata dubartii uffachuu hin qabu; Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu ni jibbaatii.
DEU 22:6 Ati yoo mana simbiraa kan muka irra yookaan lafa jiru utuu haati cuucii ishee yookaan anqaaquu ishee hammattee jirtuu karaa cinatti argite haadha sana cuucii ishee wajjin hin fudhatin;
DEU 22:7 ati cuucii ishee fudhachuu ni dandeessa; garuu akka siif tolee bara dheeraa jiraattuuf akka haadha gad dhiifte mirkaneeffadhu.
DEU 22:8 Yommuu mana haaraa ijaartutti akka namni bantii manaa irraa kufee mana keetti yakka dhangalaʼuu dhiigaa hin fidneef qarqara bantii isaatti ittisa tolchi.
DEU 22:9 Iddoo dhaabaa wayinii keetii keessa sanyii gosa lamaa hin facaasin; yoo ati akkas goote sanyii ati facaafte sana qofa utuu hin taʼin iji iddoo dhaabaa wayinii keetiis ni bada.
DEU 22:10 Qotiyyoo fi harree walitti camaddee ittiin hin qotin.
DEU 22:11 Uffata suufii fi quncee talbaa kan walitti foʼamee dhaʼame hin uffatin.
DEU 22:12 Roga wayyaa uffattuu afran irratti handaara tolchi.
DEU 22:13 Yoo namni tokko niitii fuudhee erga ishee wajjin ciisee booddee ishee jibbee,
DEU 22:14 ishees qaanessee maqaa balleessuudhaan, “Ani niitii tana fuudheera; garuu yommuu ani ishee wajjin ciisetti waan durbummaa ishee mirkaneessu hin arganne” jedhee,
DEU 22:15 abbaa fi haati intalattii ragaa durbummaa ishee mirkaneessu balbala irratti maanguddoota magaalattiitti haa dhiʼeessan.
DEU 22:16 Abbaan intalattiis maanguddootaan akkana haa jedhu; “Ani intala koo nama kanatti heerumsiiseera; inni garuu ishee jibbe.
DEU 22:17 Maqaa ishees balleessee, ‘Ani intala kee durbummaa isheetiin hin arganne’ jedhe. Garuu ragaan durbummaa intala kootii mirkaneessu kunoo ti.” Kana irratti abbaa fi haati ishee fuula maanguddoota magaalattii duratti wayyaa sana haa diriirsan;
DEU 22:18 maanguddoonni sunis namicha sana qabanii haa adaban.
DEU 22:19 Isaanis sababii namichi kun maqaa durba Israaʼel tokkoo xureesseef meetii saqilii dhibba tokko baasisanii abbaa intalattiitiif haa kennan; isheen niitii isaa taatee haa jiraattu; innis hamma lubbuudhaan jirutti ishee hiikuu hin dandaʼu.
DEU 22:20 Taʼus yoo himannaan dhiʼaate sun dhugaa taʼee ragaan durbummaa intalattii mirkaneessu hin argamin,
DEU 22:21 isheen balbala mana abbaa ishee duratti fidamtee namoonni magaalaa ishee hamma isheen duututti dhagaadhaan ishee haa tuman; isheen utuma mana abbaa ishee jirtuu sagaagaluudhaan gocha Israaʼel keessatti qaanii taʼe hojjetteerti. Ati gidduu keetii waan hamaa baasuu qabda.
DEU 22:22 Yoo namni tokko utuu niitii nama biraa wajjin ciisuu argame lamaan isaanii iyyuu, namichi ishee wajjin ciisee fi dubartiin sun ajjeefamuu qabu. Ati Israaʼel keessaa waan hamaa baasuu qabda.
DEU 22:23 Yoo namni tokko durba kaadhimamte magaalaatti argee ishee wajjin ciise,
DEU 22:24 waan isheen utuu magaalaa keessa jirtuu na oolchaa jettee hin iyyiniif, namichi immoo waan niitii nama biraa salphiseef, lamaan isaanii iyyuu gara balbala magaalaatti geessaatii hamma isaan duʼanitti dhagaadhaan tumaa. Waan hamaa gidduu keessanii balleessaa.
DEU 22:25 Garuu yoo namni tokko durba kadhatamte tokko baadiyyaatti argee ishee gudeede, namichi waan kana godhe qofti haa ajjeefamu.
DEU 22:26 Intalattii hin tuqinaa; isheen cubbuu duʼaan ishee gaʼu tokko iyyuu hin hojjenneetii. Dubbiin akkasii nama balaa buusee namicha ollaa isaa ajjeesuun wal fakkaata;
DEU 22:27 kunis waan namichi durba kaadhimamte sana baadiyyaatti argatee yoo iyyite illee namni isheef birmatu hin argamneef.
DEU 22:28 Namni tokko yoo durba hin kaadhimamin tokko argee humnaan ishee gudeedee wanni kun beekame,
DEU 22:29 inni abbaa isheetii fi meetii saqilii shantama haa baasu. Inni waan gudeedee durbummaa ishee balleesseef ishee fuudhuu qaba. Hamma lubbuun jiruttis ishee hiikuu hin dandaʼu.
DEU 22:30 Namni tokko niitii abbaa isaa fuudhuu hin qabu; inni siree abbaa isaa hin xureessin.
DEU 23:1 Namni kolaafame yookaan dhagni saala isaa irraa murame kam iyyuu waldaa Waaqayyoo hin seenin.
DEU 23:2 Namni haraamuudhaan dhalate yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Waaqayyoo hin seenin.
DEU 23:3 Namni gosa Amoon yookaan gosa Moʼaab yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Waaqayyoo hin seenin.
DEU 23:4 Isaan yeroo ati Gibxii baatetti karaa irratti buddeenaan yookaan bishaaniin si hin simanne; qooda kanaa akka inni si abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoor namicha biyya Phetoor ishee Phaadaan Arraamitti argamtu sana keessa jiraatu sitti bitan.
DEU 23:5 Taʼus Waaqayyo Waaqni kee abaarsa sana eebbatti siif geeddare malee Balaʼaamin hin dhageenye; Waaqayyo Waaqni kee si jaallataatii.
DEU 23:6 Ati hamma lubbuudhaan jirtutti akka isaan nageenyaa fi badhaadhummaa qabaatan hin barbaadin.
DEU 23:7 Waan inni obboleessa kee taʼeef nama gosa Edoom hin tuffatin. Ati sababii akka alagaatti biyya isaa keessa jiraatteef nama Gibxi hin tuffatin.
DEU 23:8 Ijoolleen dhaloota sadaffaa kanneen isaaniif dhalatan waldaa Waaqayyoo seenuu ni dandaʼu.
DEU 23:9 Yommuu diinota kee loluuf baatutti xuraaʼummaa hunda irraa of eegi.
DEU 23:10 Namni tokko yoo halkan afeetaa dhangalaasuudhaan of xureesse inni qubata keessaa gad baʼee ala haa turu.
DEU 23:11 Gara galgalaa garuu dhiqatee yeroo aduun dhiitutti gara qubataatti haa deebiʼu.
DEU 23:12 Ati qubataan alatti lafa itti gad baatu qopheeffadhu.
DEU 23:13 Meeshaa kee keessaa waan ittiin lafa qottu qabaadhu; ati yommuu gad teessee kaatutti boolla qotiitii biyyoo itti deebisi.
DEU 23:14 Waaqayyo Waaqni kee si eeguu fi diinota kee dabarsee sitti kennuudhaaf qubata kee keessa deddeebiʼaatii; akka inni gidduu keetti waan xuraaʼaa argee sirraa hin deebineef qubanni kee qulqulluu taʼuu qaba.
DEU 23:15 Yoo garbichi tokko kooluu sitti gale, ati dabarsitee gooftaa isaatti isa hin kennin.
DEU 23:16 Inni gidduu kee lafa jaallatee fi magaalaa filate keessa haa jiraatu. Atis isa hin cunqursin.
DEU 23:17 Dhiirri yookaan dubartiin Israaʼel kam iyyuu sagaagaltuu mana waaqa tolfamaa hin taʼin.
DEU 23:18 Dubartii yookaan dhiira sagaagalu tokko irraa akka galchaatti kennaa fuutee mana Waaqayyo Waaqa keetiitti hin fidin; lachan isaanii iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti jibbisiisoo dhaatii.
DEU 23:19 Ati maallaqa yookaan nyaata yookaan waan dhala argamsiisu kam iyyuu dhalaan obboleessa keetiif hin liqeessin.
DEU 23:20 Ati nama ormaa irraa dhala gaafachuu ni dandeessa; garuu akka Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtutti waan harki kee tuqe hundaan si eebbisuuf obboleessa kee irraa dhala hin fudhatin.
DEU 23:21 Ati yoo Waaqayyo Waaqa keetiif wareega tokko wareegde, sababii Waaqayyo Waaqni kee cimsee waan sana sirraa barbaaduuf akka cubbuu sitti hin taaneef dafiitii of irraa baasi malee lafa irra hin harkisin.
DEU 23:22 Yoo wareeguu baatte garuu ati cubbamaa hin taatu.
DEU 23:23 Waan arrabni kee dubbate gochuuf of eeggadhu; afaanuma keetiin jaallattee Waaqayyo Waaqa keetiif wareegdeertaatii.
DEU 23:24 Ati yoo iddoo dhaabaa wayinii ollaa keetii keessa seente, ija feete hunda nyaadhu; garuu tokko illee guuboo kee keessa hin kaaʼatin.
DEU 23:25 Yoo lafa qotiisaa midhaan ollaa keetii keessa seente, asheetii cirachuu ni dandeessa; garuu midhaan isaa kan dhaabatutti haamtuu kee hin buusin.
DEU 24:1 Namni tokko erga niitii fuudhee booddee yoo waan fafaa ishee irratti argee ishee jibbe, inni waraqaa ragaa hiikkaa barreessee itti kennuudhaan mana isaatii baasee ishee haa geggeessu.
DEU 24:2 Isheen erga mana isaatii baatee booddee yoo niitii nama biraa taate,
DEU 24:3 yoo dhirsi ishee lammaffaan ishee jibbee waraqaa hiikkaa barreessee kenneefii mana isaatii ishee baase yookaan yoo inni duʼe,
DEU 24:4 dhirsi inni jalqabaa kan ishee hiike sun erga isheen xurooftee booddee deebiʼee ishee fuudhuun isaaf hin eeyyamamu. Wanni kun fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennutti cubbuu hin fidin.
DEU 24:5 Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.
DEU 24:6 Ati dhagaa daakuutii fi majii isaa yookaan majii isaa qofa illee taanaan akka qabdiitti hin fudhatin; kun lubbuu namaa qabdii godhanii fudhachuu taʼaatii.
DEU 24:7 Namni tokko yoo obboleessa isaa kan gosa Israaʼel tokko hatee garbicha godhate yookaan gurgurate inni ajjeefamuu qaba. Ati waan hamaa gidduu keetii baasi.
DEU 24:8 Waaʼee nama lamxaaʼee garuu akkuma Lewwonni luboota taʼan qajeelcha siif kennan sanatti hojjechuu kee qalbeeffadhu. Ati waan ani isaan ajaje of eeggannaadhaan duukaa buʼuu qabda.
DEU 24:9 Waan Waaqayyo Waaqni kee erga isin biyya Gibxiitii baatanii booddee karaa irratti Miiriyaamitti fide sana yaadadhu.
DEU 24:10 Yommuu ollaa keetiif liqii gosa kamii iyyuu kennitutti waan inni akka qabdiitti siif kennu fudhachuudhaaf mana isaa hin seenin.
DEU 24:11 Ati ala turiitii namichi ati waa liqeessituuf sun qabdii siif kennu sana siif haa fidu.
DEU 24:12 Yoo namni sun hiyyeessa taʼe qabdii isaa of bira hin bulchin.
DEU 24:13 Akka inni kootii isaa uffatee buluuf utuu aduun hin dhiʼin deebisiif. Innis si eebbisa; wanni kun immoo fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti akka hojii qajeelummaatti siif hedama.
DEU 24:14 Obboleessa kee nama gosa Israaʼel yookaan alagaa magaalaawwan kee tokko keessa jiraatu illee taanaan hiyyeessa yookaan rakkataa qaxarame tokko hin saamin.
DEU 24:15 Gatii inni ittiin hojjete gaafuma sana utuu aduun hin lixin kenniif; waan hiyyeessa taʼeef inni abdiidhaan eegataatii. Yoo kanaa achii inni Waaqayyoon sitti waammatee wanni kun cubbuu sitti taʼa.
DEU 24:16 Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa.
DEU 24:17 Ati murtii alagaa yookaan ijoollee abbaa hin qabnee hin jalʼisin yookaan uffata haadha hiyyeessaa qabdii hin fudhatin.
DEU 24:18 Ati akka biyya Gibxitti garbicha turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee achii si fure yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana hojjettuuf si ajajuufis kanuma.
DEU 24:19 Yommuu midhaan lafa qotiisaa keetii walitti qabdutti yoo bissiin hafe jiraate isaaf jettee duubatti hin deebiʼin; akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf alagoota, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
DEU 24:20 Yommuu ija muka ejersa keetii harcaaftuttis kan hafe funaannachuuf jettee hin deebiʼin; waan hafe sana alagaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
DEU 24:21 Yommuu ija iddoo dhaabaa wayinii keetii walitti qabduttis waan hafe funaannachuudhaaf hin deebiʼin. Waan hafe sana alagaadhaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
DEU 24:22 Ati akka Gibxitti garbicha turte yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana gootu si ajajuufis kanuma.
DEU 25:1 Yoo namoonni lama wal dhabanii gara mana murtii dhufan, abbootiin seeraa isa qulqulluu gad dhiisanii isa yakka qabutti muruu qabu.
DEU 25:2 Yoo namicha balleessaa qabu sanaaf garafamuun male abbaan murtii akka inni ciisu godhee fuula namichaa duratti lakkoobsa yakka isaatiif maluun isa haa garafsiisu;
DEU 25:3 taʼus inni afurtama caalaa isa hin garafsiisin. Inni kana caalaa yoo garafame obboleessi kee fuula kee duratti ni qaanaʼa.
DEU 25:4 Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin.
DEU 25:5 Yoo obboloonni wajjin jiraatanii isaan keessaa tokko utuu ilma hin dhalchin duʼe, niitiin isaa maatiidhaa alatti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishee ishee fuudhee niitii haa godhatu; waan waarsaan tokko guutuufii qabus isheedhaaf haa guutu.
DEU 25:6 Akka maqaan isaa Israaʼel gidduudhaa hin badneef ilmi isheen deessu hangafni maqaa obboleessa duʼe sanaatiin haa waamamu.
DEU 25:7 Taʼus yoo namichi sun niitii obboleessa isaa fuudhuu hin barbaanne isheen gara balbala magaalaatti maanguddoota bira dhaqxee, “Waarsaan koo maqaa obboleessa isaa Israaʼel keessatti waamsisuu dideera. Inni waan waarsaan tokko guutuu qabu naaf hin guutu” haa jettuun.
DEU 25:8 Ergasii maanguddoonni magaalaa isaatii waamanii isa haa haasofsiisan. Yoo inni yaada isaa geeddarachuu didee, “Ani ishee fuudhuu hin fedhu” jedhe,
DEU 25:9 niitiin obboleessa isaa sun fuula maanguddootaa duratti gara isaa dhaqxee kophee miilla isaa tokko irraa baafti; fuula isaattis tuftee, “Nama obboleessa isaatiif mana hin dhaabne irratti waan akkanaatu raawwatama” haa jettu.
DEU 25:10 Sanyiin nama sanaas Israaʼel keessatti, “Maatii kopheen irraa baafame” jedhamee waamama.
DEU 25:11 Yoo utuu namoonni lama wal lolanii, niitiin isa tokkoo dhuftee dhirsa ishee harka namicha isa tumaa jiru sanaatii baasuuf harka ishee hiixattee saala namichaa qabde,
DEU 25:12 ati harka ishee irraa muri. Garaa hin laafiniif.
DEU 25:13 Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin.
DEU 25:14 Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin.
DEU 25:15 Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu.
DEU 25:16 Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii.
DEU 25:17 Waan Amaaleqoonni yeroo ati Gibxii baatu karaa irratti si godhan sana yaadadhu.
DEU 25:18 Isaan yeroo ati dadhabdee bututtee turtetti karaa irratti si argatanii warra duubaan tirachaa turan hunda ajjeesan; Waaqas hin sodaanne.
DEU 25:19 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti diinota naannoo keetii irraa boqonnaa siif kennutti, yaadannoo Amaaleq samii jalaa balleessi. Waan kana hin dagatin!
DEU 26:1 Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennutti galtee dhaaltee keessa qubattutti,
DEU 26:2 midhaan lafa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu irraa argattu hunda irraa mataa isaa fuudhiitii guuboo keessa kaaʼi. Ergasiis iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatu dhaqi;
DEU 26:3 luba yeroo sanatti hojii irra jiruun, “Ani biyya Waaqayyo akka nuu kennu abbootii keenyaaf waadaa galetti dhufuu koo harʼa fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nan labsa” jedhi.
DEU 26:4 Lubni sunis guuboo sana si harkaa fuudhee iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii dura ni kaaʼa.
DEU 26:5 Atis Waaqayyo Waaqa kee duratti akkana jettee ni labsita; “Abbaan koo nama biyya Arraam kan asii fi achi godaanu ture; innis namoota xinnoo fudhatee Gibxitti gad buʼe; achis jiraatee saba guddaa, humna qabeessaa fi akka malee baayʼee taʼe.
DEU 26:6 Warri Gibxi garuu nu hacuucuu fi nu dhiphisuudhaan hojii jabaa nutti feʼan.
DEU 26:7 Nu ergasii gara Waaqayyo Waaqa abbootii keenyaatti iyyanne; Waaqayyos sagalee keenya dhagaʼee rakkina keenya, dadhabbii keenyaa fi hacuucamuu keenya arge.
DEU 26:8 Kanaafuu Waaqayyo harka jabaa fi irree diriirfameen, sodaachisa guddaadhaan, mallattoo fi dinqiidhaan Gibxii nu baase.
DEU 26:9 Iddoo kanattis nu fidee biyya aannanii fi damma baaftu kana nuuf kenne;
DEU 26:10 ammas yaa Waaqayyo kunoo, ani midhaan lafa ati naa kennitee irraa mataa isaa fideera.” Guuboo sanas fuula Waaqayyo Waaqa keetii dura kaaʼiitii fuula isaa duratti gad jedhii sagadi.
DEU 26:11 Ati, Lewwonnii fi alagoonni gidduu kee jiraatan waan gaarii Waaqayyo Waaqni kee sii fi maatii keetiif kenne hundaan gammadaa.
DEU 26:12 Yommuu waggaa sadaffaatti jechuunis waggaa itti kennaa kudhan keessaa tokko baafamutti midhaan kee irraa erga kennaa kudhan keessaa tokko baaftee raawwatee booddee akka isaan magaalaawwan kee keessatti nyaatanii quufaniif Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenni.
DEU 26:13 Ergasii Waaqayyo Waaqa keetiin akkana jedhi; “Ani akkuma ajaja kee kan ati na ajajje hundaatti qooda qulqulluu mana kootii baasee Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenneera. Ani ajajawwan kee irraa hin gorre yookaan tokkoo isaanii illee hin daganne.
DEU 26:14 Ani yeroon gadda irra tures kutaa qulqulluu sana irraa homaa hin nyaanne; yookaan ani yeroon xuraaʼetti isa irraa waan tokko illee hin fuune; warra duʼaniifis hin dhiʼeessine; ani Waaqayyo Waaqa kootiif ajajameera; waan ati na ajajje hundas hojjedheera.
DEU 26:15 Samii irraa, iddoo jireenya keetii qulqulluu irraa gad ilaali; saba kee Israaʼelii fi biyya akkuma abbootii keenyaaf waadaa galtetti nuu kennite kan aannanii fi dammi keessaa burqu kana eebbisi.”
DEU 26:16 Waaqayyo Waaqni kee akka ati ajajawwanii fi seerawwan kanneen eegdu harʼa si ajaja; ati akka garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan isaan eegdu of eeggadhu.
DEU 26:17 Ati akka Waaqayyo Waaqa kee taʼee fi akka karaa isaa irra deddeebitu, akka qajeelchawwan isaa, ajajawwanii fi seerawwan isaa eegdee isaaf ajajamtu harʼa dubbatteerta.
DEU 26:18 Waaqayyos akkuma abdachiise sanatti akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa taatee ajajawwan isaa hunda eegdu harʼa dubbateera.
DEU 26:19 Inni akka saboota uume hundaan olitti galataan, maqaa fi ulfinaan ol si kaasuu fi akkuma waadaa gale sanaatti akka ati Waaqayyo Waaqa keetiif saba qulqulluu taatu dubbateera.
DEU 27:1 Musee fi maanguddoonni Israaʼel akkana jedhanii saba ajajan; “Ajajawwan ani harʼa isiniif kennu kanneen hunda eegaa.
DEU 27:2 Erga biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf Yordaanos ceetanii booddee dhagoota gurguddaa dhaabiitii nooraa dibi.
DEU 27:3 Yommuu akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiisetti biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf ceetutti dubbiiwwan seera kanaa hunda dhagoota irratti barreessi.
DEU 27:4 Ati erga Yordaanos ceetee booddee akkuma ani harʼa si ajajutti dhagoota kanneen Tulluu Eebaal irra dhaabii nooraa dibi.
DEU 27:5 Achittis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa kan dhagaa irraa hojjetame dhaabi; miʼa sibiilaa tokko iyyuu hin fayyadamin.
DEU 27:6 Iddoo aarsaa Waaqayyoo Waaqa keetii dhagaa hin soofaminiin hojjedhu; achi irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gubamu dhiʼeessi.
DEU 27:7 Achittis aarsaa nagaa qalii nyaadhuutii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.
DEU 27:8 Dhagoota irratti dubbiiwwan seera kanaa hunda ibsii barreessi.”
DEU 27:9 Musee fi Lewwonni luboota taʼan Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Yaa Israaʼel, calʼisii dhagaʼi! Ati harʼa saba Waaqayyo Waaqa keetii taateerta.
DEU 27:10 Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamiitii ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan ani harʼa siif kennu dhagaʼi.”
DEU 27:11 Museenis gaafasuma akkana jedhee saba ajaje:
DEU 27:12 Yommuu isin Yordaanosin ceetanitti gosoonni Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Yoosefii fi kan Beniyaam saba eebbisuuf gaara Gerziim irra haa dhaabatan.
DEU 27:13 Gosoonni Ruubeen, Gaad, Aasheer, Zebuuloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaaruuf Tulluu Eebaal irra haa dhaabatan.
DEU 27:14 Lewwonni sagalee isaanii ol fudhatanii akkana jedhanii saba Israaʼel hundatti haa labsan:
DEU 27:15 “Namni fakkii soofu yookaan baqsee Waaqa tolfamaa jechuunis waan fuula Waaqayyoo duratti balfamaa taʼe hojjetu kan waan ogummaa harkaatiin hojjetame dhoksee ol dhaabu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:16 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa qaanessu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:17 “Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:18 “Namni nama jaamaa karaa irraa jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:19 “Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:20 “Namni niitii abbaa isaa wajjin ciisu haa abaaramu; inni siree abbaa isaa xureesseeraatii.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:21 “Namni horii kam iyyuu wajjin wal bira gaʼu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:22 “Namni obboleettii isaa intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:23 “Namni haadha niitii isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:24 “Namni dhoksaadhaan ollaa isaa ajjeesu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:25 “Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 27:26 “Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
DEU 28:1 Yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba.
DEU 28:2 Yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamte eebbi kun hundi siif taʼa; si faana deemas:
DEU 28:3 Ati magaalaatti ni eebbifamta; baadiyyaattis ni eebbifamta.
DEU 28:4 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, iji horii keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni eebbifamu.
DEU 28:5 Guuboon keetii fi miʼi bukoo keetii ni eebbifamu.
DEU 28:6 Ati yommuu galtu ni eebbifamta; yommuu baatus ni eebbifamta.
DEU 28:7 Waaqayyo akka diinonni kee kanneen sitti kaʼan fuula kee duratti moʼataman ni godha. Isaan karaa tokkoon sitti dhufu, garuu karaa torbaan si baqatu.
DEU 28:8 Waaqayyo gombisaa keetii fi waan harki kee qabate hundatti eebba isaa ni erga. Waaqayyo Waaqni kee biyya siif kennu keessatti si eebbisa.
DEU 28:9 Yoo ati ajaja Waaqayyo Waaqa keetii eegdee karaa isaa irra deddeebite, Waaqayyo akkuma kakuudhaan si abdachiisetti saba isaa qulqulluu godhee si dhaaba.
DEU 28:10 Ergasii saboonni lafa irra jiraatan hundi akka ati maqaa Waaqayyootiin waamamtu arganii si sodaatu.
DEU 28:11 Waaqayyo biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti ijoolleedhaan, jabbootaa fi midhaan lafaatiin sooruma irra dhangalaʼaa siif kenna.
DEU 28:12 Waaqayyo yeroodhaan lafa keetti bokkaa ergee hojii harka keetii hunda eebbisuuf gombisaa badhaadhummaa isaa jechuunis samiiwwan ni bana. Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee tokkoo isaanii irraa iyyuu hin liqeeffattu.
DEU 28:13 Waaqayyo mataa si godha malee eegee si hin godhu. Ati yoo ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan eegdee duukaa buute, yeroo hunda irra aanta malee jala hin aantu.
DEU 28:14 Ati waaqota biraa duukaa buʼuu fi tajaajiluudhaan ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen irraa mirgattis bitaattis hin gorin.
DEU 28:15 Garuu yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamuu baattee ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan eeguu didde, abaarsawwan kunneen hundi si qaqqabu; si liqimsus:
DEU 28:16 Ati magaalaatti ni abaaramta; baadiyyaattis ni abaaramta.
DEU 28:17 Guuboon kee ni abaarama; miʼi bukoo keetiis ni abaarama.
DEU 28:18 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni abaaramu.
DEU 28:19 Ati yommuu galtu ni abaaramta; yommuu baatu illee ni abaaramta.
DEU 28:20 Ati sababii isa dhiiftee waan hamaa hojjetteef Waaqayyo hamma ati barbadooftee daftees lafa irraa dhabamtutti waan harki kee hojjetu hundaan abaarsa, joonjaʼuu fi dheekkamsa sitti erga.
DEU 28:21 Waaqayyo hamma biyya ati dhaaluuf itti galtu irraa si balleessutti dhukkubaan si dhaʼa.
DEU 28:22 Waaqayyo hamma ati lafa irraa dhabamtutti, dhukkuba nama huqqisuun, dhagna gubaa fi dhullaadhaan, hoʼa aduutii fi bona hamaadhaan, coollaguu fi waagiidhaan si dhaʼa.
DEU 28:23 Samiin mataa keetii olii naasii, lafti miilla kee jalaa sibiila taʼa.
DEU 28:24 Waaqayyo bokkaa lafa keetii awwaaraa fi daaraatti geeddara; kunis hamma ati baddutti samiidhaa sitti gad harcaʼa.
DEU 28:25 Waaqayyo akka ati diina kee duratti moʼatamtu godha. Ati karaa tokkoon isaanitti dhufta; garuu karaa torbaan isaan duraa baqatta; mootummoota lafa irra jiran hundaaf waan kolfaa taata.
DEU 28:26 Reeffi kee simbirroota samii hundaa fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee isaan ariʼus hin jiraatu.
DEU 28:27 Waaqayyos dhukkuba ati hin fayyine jechuunis dhullaa biyya Gibxiitiin, iitaan, madaa malaʼuu fi cittoodhaan si dhiphisa.
DEU 28:28 Waaqayyo maraatummaadhaan, jaamummaa fi burjaajaʼuu sammuutiin si dhiphisa.
DEU 28:29 Ati guyyaa saafaa akka jaamaa dukkana keessa waa qaqqabatuutti deemta; wanni ati hojjettu hundinuu siif hin milkaaʼu; guyyuma guyyaan cunqurfamtee saamamta; kan si oolchus hin jiru.
DEU 28:30 Ati niitii kaadhimatta; garuu nama biraatu ishee wajjin ciisa. Mana ijaarratta; garuu keessa hin jiraattu. Wayinii dhaabbatta, garuu ija isaa hin nyaattu.
DEU 28:31 Sangaan kee fuula kee duratti qalama; garuu ati foon isaa irraa homaa hin nyaattu. Harreen kee humnaan sirraa fudhatama; siif hin deebifamus. Hoolonni kee diinota keetiif kennamu; namni isaan harkaa buusus hin jiru.
DEU 28:32 Ilmaanii fi intallan kee namoota ormaatiif kennamu; iji kees guyyuma guyyaan isaan eeguudhaan fajaja; ati harka ol fudhachuuf humna hin qabaattu.
DEU 28:33 Oomisha lafa keetiitii fi humna keetii hunda namoonni ati hin beekne ni nyaatu; ati bara jireenya keetii guutuu cunqurfamtee jiraachuu malee homaa hin qabaattu.
DEU 28:34 Wanni ati argitu hundi si maraacha.
DEU 28:35 Waaqayyo faana miilla keetiitii jalqabee hamma gubbaa mataa keetii gaʼutti madaa hin fayyine kan nama dhiphisuun jilbaa fi miilla kee ni dhaʼa.
DEU 28:36 Waaqayyo siʼii fi mootii ati of irratti moosifte saboota ati yookaan abbootiin kee hin beekinitti ni kenna. Atis achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa ni waaqeffatta.
DEU 28:37 Saboota Waaqayyo itti si geessu hunda keessatti waan qaanii, kan kolfaatii fi kan quba itti qaban ni taata.
DEU 28:38 Lafa qotiisaa kee keessa sanyii baayʼee facaafatta; garuu sababii hawwaannisni nyaatee fixuuf xinnoo walitti qabatta.
DEU 28:39 Atis wayinii dhaabdee kunuunsita; garuu waan raammoon nyaatuuf daadhii isaa hin dhugdu yookaan ija isaa hin cirattu.
DEU 28:40 Biyya kee guutuu keessaa muka ejersaa qabaatta; garuu waan iji isaa lafatti harcaʼuuf ati zayitii isaatti hin fayyadamtu.
DEU 28:41 Ati ilmaanii fi intallan qabaatta; garuu isaan waan boojiʼamaniif kan kee hin taʼan.
DEU 28:42 Mukaa fi oomisha lafa qotiisaa keetii hunda tuuta hawwaannisaatu fixa.
DEU 28:43 Alagaan gidduu kee jiraatu si caalaa guddata; ati garuu gad deemta.
DEU 28:44 Isatu siif liqeessa malee ati isaaf hin liqeessitu. Inni mataa taʼa; ati garuu eegee taata.
DEU 28:45 Abaarsi kun hundinuu si qaqqaba. Ati waan Waaqayyo Waaqa keetiif hin ajajamnee fi waan ajajawwanii fi qajeelchawwan inni siif kenne hin eeginiif hamma ati baddutti abaarsi kun si biraa hin hafu; si fudhatas.
DEU 28:46 Isaan bara baraan siʼii fi sanyii keetti mallattoo fi dinqii taʼu.
DEU 28:47 Ati waan yeroo sooromaatti galataa fi gammachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin tajaajiliniif,
DEU 28:48 beelaa fi dheebuudhaan, daaraa fi hiyyummaa hamaadhaan diinota Waaqayyo sitti kaasu ni tajaajilta. Inni hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetti kaaʼa.
DEU 28:49 Waaqayyo biyya akka malee fagoo irraa, daarii lafaatiis saba akka risaa dafee gad buʼu kan ati afaan isaa hin beekne sitti kaasa;
DEU 28:50 innis saba jaarsaaf ulfina hin kennine, kan daaʼimmaniif garaa hin laafnee fi kan akka malee sodaachisuu dha.
DEU 28:51 Isaanis hamma ati baddutti ija loon keetiitii fi ija lafa keetii ni nyaatu. Hamma ati barbadooftutti midhaan tokko iyyuu, daadhii wayinii haaraa yookaan zayitii, jabboota loon keetiitii fi korbeeyyii bushaayee keetii tokko illee siif hin dhiisan.
DEU 28:52 Isaan magaalaa biyya keetii hunda hamma dallaawwan ittisaa kanneen ati amanattu jijjiganitti ni marsu; magaalaa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa jiran hunda iyyuu ni marsu.
DEU 28:53 Ati sababii dhiphina diinonni kee yeroo si marsanitti sitti fidaniitiif ija gudeeda keetii, foon ilmaanii fi intallan keetii kanneen Waaqayyo Waaqni kee siif kennee ni nyaatta.
DEU 28:54 Namni gidduu keetii akka malee gara laafessaa fi garraamii taʼe iyyuu obboleessa isaatiif yookaan niitii isaa kan jaallatuuf yookaan ijoollee isaa warra hafaniif garaa hin laafu;
DEU 28:55 inni foon ijoollee isaa kan nyaachaa jiru irraa xinnoo ishee illee tokkoo isaaniitiif iyyuu hin kennu. Sababii dhiphina diinonni kee yeroo magaalaawwan kee hunda marsanitti sirraan gaʼaniitiif wanni isaaf hafe kanuma qofaatii.
DEU 28:56 Niitiin arjaa fi boontuun gidduu kee jiraattu kan sababii akka malee arjaa fi boontuu taateef miilla isheetiin lafa hin tuqne iyyuu dhirsa ishee kan jaallattutti, ilma isheetii fi intala isheetti illee ni hammaatti;
DEU 28:57 isheen hobbaatii garaa isheetii baʼuu fi ijoollee deessu illee ni jibbiti. Sababiin isheen waan kana gootuufis yeroo marfamaa fi rakkinaatti, yommuu diinonni kee magaalaa kee keessatti si dhiphisanitti dhoksitee nyaachuuf jettee ti.
DEU 28:58 Yoo ati of eeggannaadhaan dubbiiwwan seera kanaa kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hunda duukaa buʼuu dhiiftee maqaa Waaqayyo Waaqa keetii kabajamaa fi sodaachisaa sana sodaachuu baatte,
DEU 28:59 Waaqayyo siʼii fi sanyii keetti dhaʼicha sodaachisaa, balaa dhiphisaa fi kan yeroo dheeraa turu, dhukkuba akka malee hamaa fi dafee hin fayyine ni erga.
DEU 28:60 Dhukkuboota Gibxi kanneen ati sodaattus sitti fida; isaanis ciniinanii sitti qabatu.
DEU 28:61 Akkasumas hamma ati dhabamtutti Waaqayyo dhukkubootaa fi rakkinnoota biraa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti hin barreeffamin sitti fida.
DEU 28:62 Isin sababii Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamuu diddaniif isin warra akka urjiiwwan samii baayʼattanii turtan keessaa xinnootu hafa.
DEU 28:63 Akkuma isin sooromsuu fi isin baayʼisuun Waaqayyo gammachiisu sana isin balleessuu fi isin barbadeessuunis isa gammachiisa. Isin biyya dhaaluuf itti galtan keessaa ni buqqaatu.
DEU 28:64 Ergasiis Waaqayyo daarii lafaa tokko irraa hamma daarii lafaa kaaniitti saboota hunda gidduutti si bittinneessa. Ati achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa kanneen atii fi abbootiin kee hin beekin ni waaqeffatta.
DEU 28:65 Ati saboota sana gidduutti boqonnaa hin argattu; lafa kophee miilla keetii irra keeyyattu illee hin argattu. Achittis Waaqayyo sammuu dhiphatu, ija hawwiidhaan fajajuu fi garaa abdii kutatu siif kenna.
DEU 28:66 Ati halkanii guyyaa sodaadhaan qabamtee utuu lubbuun kee wabii hin argatin, yeroo hunda yaaddoodhaan jiraatta.
DEU 28:67 Sababii sodaa garaa kee guutuu sanaatii fi waan ija keetiin argitu sanaatiif ganama, “Utuu bariʼuu baatee!” galgala immoo, “Utuu dhiʼuu baatee!” jetta.
DEU 28:68 Karaa ani ati lammata as hin deebitu siin jedheenis Waaqayyo dooniidhaan Gibxitti si deebisa. Achittis akka garboota dhiiraa dubartiitti diinota keessanitti gurguramuuf of dhiʼeessitu; garuu namni tokko iyyuu isin hin bitatu.
DEU 29:1 Dubbiin kakuu kan Waaqayyo kakuu Kooreebitti isaan wajjin gale sana irratti dabalee akka inni Moʼaab keessatti Israaʼeloota wajjin galuuf Musee ajaje kanaa dha.
DEU 29:2 Museen Israaʼeloota hunda walitti waamee akkana jedheen: Waan Waaqayyo Gibxi keessatti Faraʼoon irratti, qondaaltota isaa hundaa fi guutummaa biyya isaa irratti hojjete hunda iji keessan argeera.
DEU 29:3 Isin qorumsawwan gurguddaa sana, mallattoowwanii fi dinqiiwwan gurguddaa sana ijuma keessaniin argitaniirtu.
DEU 29:4 Waaqayyo garuu hamma harʼaatti qalbii hubatu yookaan ija argitu yookaan gurra dhagaʼu isinii hin kennine.
DEU 29:5 Yeroo waggoota afurtamman ani gammoojjii keessa isin geggeesse sanatti uffanni keessan isin irratti hin dhumne yookaan kopheen miilla keessan irratti hin ciccinne.
DEU 29:6 Isin buddeena hin nyaanne; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. Ani akka isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe beektaniifan waan kana godhe.
DEU 29:7 Yommuu isin as geessanitti Sihoon mootiin Heshboonii fi Oogi mootiin Baashaan nu loluuf nutti baʼan; nu garuu isaan moʼanne.
DEU 29:8 Biyya isaaniis fudhannee gosa Ruubeeniif, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala goonee kennine.
DEU 29:9 Isin akka waan hojjettan hundaan milkooftaniif dubbiiwwan kakuu kanaa of eeggannaadhaan duukaa buʼaa.
DEU 29:10 Hundi keessan jechuunis qajeelchitoonnii fi hooggantoonni keessan, maanguddoonnii fi qondaaltonni keessan akkasumas namoonni Israaʼel kanneen biraa hundinuu harʼa fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattaniirtu;
DEU 29:11 ijoolleen keessanii fi niitonni keessan akkasumas alagoonni muka kee ciraa, bishaan kees waraabaa qubata kee keessa jiraatan si wajjin dhaabataniiru.
DEU 29:12 Atis kakuu Waaqayyo harʼa si wajjin galee kakaadhaan siif mirkaneessu kana Waaqayyo Waaqa kee wajjin galuuf as dhaabatteerta;
DEU 29:13 innis akkuma si abdachiisee abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sanatti akka ati saba isaa taatee innis Waaqa kee taʼuuf jabeessee si dhaabuuf waan kana godhe.
DEU 29:14 Anis kakuu kakaadhaan mirkanaaʼe kana isin qofa wajjin utuu hin taʼin,
DEU 29:15 warra nu wajjin as fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa dura dhaabatan warra harʼa as hin jirre wajjinis nan gala.
DEU 29:16 Akka nu itti Gibxi keessa jiraannee fi yommuu as dhufnus akka nu itti biyyoota keessa dabarre isin mataan keessanuu ni beektu.
DEU 29:17 Isinis gidduu isaaniitti fakkiiwwan isaanii jibbisiisoo, waaqota isaanii tolfamoo kanneen muka, dhagaa, meetii fi warqee irraa hojjetaman argitaniirtu.
DEU 29:18 Akka dhiirri yookaan dubartiin balballi yookaan gosti garaan isaa Waaqayyo Waaqa keenya irraa garagalee waaqota saboota sanaa faana buʼe isin gidduu hin jiraanne mirkaneeffadhaa; akka hiddi summii hadhaaʼaa akkasii baasu tokko iyyuu isin gidduu hin jiraanne qulqulleeffadhaa.
DEU 29:19 Namni akkasii yommuu dubbii kakuu kanaa dhagaʼutti, garaa isaatti of eebbisee, “Ani yoon akka fedhii kootti deeme illee nagaa qaba” jedhee yaada. Kun immoo lafa jiidhaa irrattis taʼu lafa goggogaa irratti badiisa fida.
DEU 29:20 Waaqayyo nama sanaaf gonkumaa dhiifama hin godhu; dheekkamsi isaatii fi hinaaffaan isaa namicha sana irratti bobaʼa. Abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame hundi isa qaqqaba; Waaqayyos samii jalaa maqaa isaa ni dhabamsiisa.
DEU 29:21 Akkuma kakuu abaarsa Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffame hundaatti, Waaqayyo gosoota Israaʼel hunda keessaa badiisaaf kophaatti isa baasa.
DEU 29:22 Dhaloonni itti aanu jechuunis ijoolleen keessan warri isiniin duuba dhufan akkasumas keessummoonni biyyoota fagootii dhufan dhaʼicha guddaa biyyattii irra gaʼee fi dhukkuba Waaqayyo ittiin ishee dhaʼe ni argu.
DEU 29:23 Guutummaan biyyattii gammoojjii gubduu kan soogiddaa fi dinyiin guutamte kan wanni tokko iyyuu irra hin dhaabamne, kan wanni tokko iyyuu irratti hin biqille, kan biqiltuun tokko iyyuu irratti hin guddanne taati. Badiisni ishee irra gaʼus akka badiisa Sodoomiitii fi Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiim kanneen Waaqayyo dheekkamsa guddaadhaan isaan barbadeesse sanaa ni taʼa.
DEU 29:24 Sabni hundinuu, “Waaqayyo maaliif waan akkasii biyya kanatti fide? Dheekkamsi sodaachisaan bobaʼu kunis maaliif dhufe?” jedhanii gaafatu.
DEU 29:25 Deebiin isaas kana taʼa; “Kun sababii sabni kun kakuu Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii yeroo Gibxii isaan baasetti isaan wajjin gale sana dhiisaniif.
DEU 29:26 Isaanis dhaqanii waaqota biraa, kanneen hin beekiniif waaqota inni isaaniif hin kennin waaqeffatan; gad jedhaniis sagadaniif.
DEU 29:27 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo biyya kanatti bobaʼee akka inni abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame hunda itti fidu godhe.
DEU 29:28 Waaqayyos aarii sodaachisaa fi dheekkamsa guddaadhaan biyya isaaniitii isaan buqqise; akkuma amma jiru kanattis biyya biraatti isaan darbate.”
DEU 29:29 Wanti dhoksaan kan Waaqayyo Waaqa keenyaa ti; kan mulʼifame garuu akka nu dubbii seera kanaa hunda eegnuuf bara baraan kan keenyaa fi kan ijoollee keenyaa ti.
DEU 30:1 Yommuu eebbii fi abaarsi ani fuula kee dura kaaʼe kun hundi si argatee ati saboota Waaqayyo Waaqni kee keessatti si bittinneessu hunda gidduu jiraatutti yoo ati waan sana yaadattu,
DEU 30:2 yommuu atii fi ijoolleen kee gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebitanii akkuma waan ani harʼa isin ajaju hundaatti garaa keessanii fi lubbuu keessan guutuudhaan isaaf ajajamtan,
DEU 30:3 Waaqayyo Waaqni kee boojuu kee siif deebisee garaa siif laafuudhaan saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse hunda keessaa deebisee walitti si qaba.
DEU 30:4 Yoo ati samii jalatti lafa akka malee fagootti geeffamtee jiraatte illee Waaqayyo Waaqni kee walitti si qaba; deebisees si fida.
DEU 30:5 Inni biyya abbootii keetiitti si galcha; atis ni dhaalta. Inni abbootii kee caalaa si sooromsa; akka malee si baayʼisas.
DEU 30:6 Akka ati garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan isa jaallattee jiraattuuf Waaqayyo Waaqni kee garaa keetii fi garaa sanyiiwwan keetii dhagna ni qaba.
DEU 30:7 Waaqayyo Waaqni kee abaarsa kana hunda warra si jibbanii si rakkisan irra ni kaaʼa.
DEU 30:8 Atis deebitee Waaqayyoof ni ajajamta; ajaja isaa kanneen ani harʼa si ajaju hundas ni eegda.
DEU 30:9 Ergasiis Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaa fi ijoollee gudeeda keetii baʼaniin, jabboota keetii fi midhaan lafa qotiisaa keetiitiin si sooromsa. Waaqayyo akkuma abbootii keetti gammade sana sittis gammadee si sooromsa;
DEU 30:10 kunis yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwanii fi qajeelchawwan isaa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffaman eeguudhaan garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebite taʼa.
DEU 30:11 Wanni ani harʼa si ajaju kun rakkisaa yookaan kan sirraa fagaate miti.
DEU 30:12 Akka ati, “Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu gara samiitti ol baʼee fidee nutti hima?” jettee hin gaafanneef inni ol samii gubbaa hin jiru.
DEU 30:13 Yookaan akka ati, “Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu galaana ceʼee fidee nutti hima?” jettee hin gaafanneef inni galaana gama hin jiru.
DEU 30:14 Dubbiin sun garuu baayʼee sitti dhiʼoo jira; akka ati isa eegduufis inni afaan keetii fi garaa kee keessa jira.
DEU 30:15 Kunoo ani harʼa jireenyaa fi eebba, duʼaa fi badiisa fuula kee dura kaaʼeera.
DEU 30:16 Ani akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Waaqayyo Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa.
DEU 30:17 Garuu yoo yaadni kee karaa irraa jalʼatee ati ajajamuu baatte, yoo ati waaqota kaan waaqeffachuu fi isaan tajaajiluuf jettee fudhatamte,
DEU 30:18 ani akka isin dhugumaan baddan harʼa isinittin hima. Isin Yordaanosin ceetanii biyya itti galtanii dhaaltan keessas bara dheeraa hin jiraattan.
DEU 30:19 Ani akkan jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa fuula kee dura kaaʼee jiru harʼa samii fi lafa ragaan godhee sitti waama. Egaa atii fi ijoolleen kee akka jiraattaniif jireenya filadhu;
DEU 30:20 kunis akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallatuuf, akka dubbii isaa dhageessee isatti maxxantee jiraattuuf. Waaqayyo sababii jireenya kee taʼeef, biyya abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakateef sana keessatti bara dheeraa siif kenna.
DEU 31:1 Ergasiis Museen dhaqee dubbii kana Israaʼel hundatti dubbate:
DEU 31:2 “Ani amma nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ti; siʼachis isin hoogganuu hin dandaʼu. Waaqayyo, ‘Ati Yordaanos hin ceetu’ naan jedheera.
DEU 31:3 Waaqayyo Waaqni kee mataan isaa si dura ni ceʼa. Inni saboota kanneen fuula kee duraa ni barbadeessa; atis biyya isaanii ni dhaalta. Akkuma Waaqayyo jedhetti, Iyyaasuunis si dura ni ceʼa.
DEU 31:4 Waaqayyo akkuma Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa sana biyya isaanii wajjin balleesse sana isaan kanneenis ni balleessa.
DEU 31:5 Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isaan kenna; isinis waan ani isin ajaje hunda isaan gochuu qabdu.
DEU 31:6 Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.”
DEU 31:7 Kana irratti Museen Iyyaasuu ofitti waamee fuula Israaʼel hundaa duratti akkana jedheen; “Ati sababii biyya Waaqayyo isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakatetti galuuf saba kana wajjin deemtuuf cimi; jabaadhus; biyyattiis akka dhaalan godhi.
DEU 31:8 Waaqayyo mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
DEU 31:9 Museenis seera kana barreessee ilmaan Lewwii kanneen luboota taʼanii taabota kakuu Waaqayyoo baatanii fi maanguddoota Israaʼel hundatti kenne.
DEU 31:10 Ergasiis Museen akkana jedhee isaan ajaje; “Dhuma waggaa torbaffaatti, yeroo itti gatiin dhiifamutti, yeroo itti Ayyaanni Daasii ayyaaneffamutti,
DEU 31:11 yommuu Israaʼel hundi fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti mulʼachuuf lafa inni filatu dhufanitti akka isaan dhagaʼaniif fuula isaanii duratti seera kana isaanii dubbifta.
DEU 31:12 Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi.
DEU 31:13 Bara isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa jiraattan guutuu ijoolleen isaanii kanneen seera kana hin beeknes dhagaʼuu fi Waaqayyo Waaqa isaanii sodaachuu barachuu qabu.”
DEU 31:14 Waaqayyo Museedhaan, “Yeroon ati duutu dhiʼaateera. Akka ani waan inni hojjechuu malu itti himuuf Iyyaasuu waamiitii dunkaana wal gaʼii biratti dhiʼaadhaa” jedhe. Musee fi Iyyaasuunis dhufanii dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼaatan.
DEU 31:15 Waaqayyo utubaa duumessaatiin dhufee dunkaanicha keessatti mulʼate; duumessi sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabate.
DEU 31:16 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati abbootii kee wajjin ni boqotta; sabni kun immoo yommuu suma biyya dhaaluuf itti galutti waaqota Namoota Ormaa duukaa buʼee sagaagaluu jalqaba. Isaan na dhiisanii kakuu ani isaan wajjin gale ni cabsu.
DEU 31:17 Gaafas ani isaanitti aaree isaan nan dhiisa; fuula koos isaan duraa nan dhoksa; isaanis ni barbadeeffamu. Badiisaa fi rakkoo baayʼeetu isaanitti dhufa; isaanis gaafasi, ‘Badiisni kun waan Waaqni keenya nu wajjin hin jirreef nutti dhufe mitii?’ jedhanii gaafatu.
DEU 31:18 Waan isaan gara waaqota biraatti garagalaniif ani sababii hammina isaanii hundaatiif guutumaan guutuutti fuula koo isaan duraa nan dhokfadha.
DEU 31:19 “Akka isaanitti ragaa naa taʼuuf, faarfannaa kana barreeffadhuutii akka isaan faarfataniif Israaʼeloota barsiisi.
DEU 31:20 Yommuu ani biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan ani abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galetti isaan fidutti isaan nyaatanii quufanii narraa garagaluudhaan waaqota biraa waaqeffatu; na dhiisaniis kakuu koo ni cabsu.
DEU 31:21 Faarfannaan kunis yommuu badiisnii fi rakkinni isaanitti dhufuti ragaa isaanitti taʼa; kun sanyii isaanii keessatti hin irraanfatamuutii. Ani utuu biyya kakuudhaan waadaa isaanii galetti isaan hin fidin iyyuu waan isaan gochuuf yaadan nan beekaatii.”
DEU 31:22 Kanaafuu Museen gaafas faarfannaa kana barreessee Israaʼeloota barsiise.
DEU 31:23 Waaqayyos Iyyaasuu ilma Nuunitiif ajaja, “Ati sababii biyya ani kakuudhaan waadaa isaanii galetti Israaʼeloota galchituuf cimi, jabaadhu; ani mataan koo si wajjin jiraa” jedhu kenne.
DEU 31:24 Museen erga dubbii seera kanaa jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba irratti barreessee fixee booddee,
DEU 31:25 Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baataniif ajaja kana kenne:
DEU 31:26 “Kitaaba Seeraa kana fudhuutii taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keetii bira kaaʼi. Kunis akka inni achuma taaʼee ragaa isinitti taʼuuf.
DEU 31:27 Ani akka isin finciltootaa fi mata jabeeyyii taatan nan beekaatii. Isin yoo utuma ani jiruu Waaqayyotti finciltan, erga ani duʼee booddee immoo hammam caalaa haa finciltan ree!
DEU 31:28 Akka ani akka isaan dhagaʼaniif dubbii kana isaanitti hime akka isaanitti ragaa taʼuuf samii fi lafa waammachuu dandaʼuuf maanguddoota gosoota keessanii hundaa fi qondaaltota keessan hunda fuula koo duratti walitti qabaa.
DEU 31:29 Ani akka isin erga ani duʼee booddee guutumaan guutuutti xurooftanii ajaja ani isinii kenne irraa garagaltan nan beekaatii. Baroota dhufuuf jiran keessa rakkinni isinitti dhufa; isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjettanii hojiidhuma harka keessaniitiin dheekkamsaaf isa kakaaftuutii.”
DEU 31:30 Museenis jalqabaa hamma dhumaatti dubbii faarfannaa kanaa guutummaa waldaa Israaʼelitti akkana jedhee dhageessise:
DEU 32:1 Yaa samiiwwan, dhagaʼaa; ani nan dubbadha; yaa lafa, atis dubbii afaan kootii dhagaʼi.
DEU 32:2 Barsiisni koo akka bokkaa haa roobu; dubbiin koos akka fixeensaa gad haa coccophu; marga irratti akka tiifuu, biqiltuu corqaa irrattis akka bokkaa guddaa haa roobu.
DEU 32:3 Ani maqaa Waaqayyoo nan labsa. Guddina Waaqa keenyaa jajadhaa!
DEU 32:4 Inni Kattaa dha; hojiin isaa mudaa hin qabu; daandiiwwan isaa hundinuus qajeelaa dha. Inni Waaqa amanamaa hin dogoggorre, tolaa fi qajeelaa dha.
DEU 32:5 Isaan hammina isatti hojjetaniiru; siʼachi isaan sababii qaanii isaaniitiif ijoollee isaa miti; isaan dhaloota jalʼaa fi micciiramaa dha.
DEU 32:6 Yaa saba gowwaa, kan ogummaa hin qabne, ati akkasitti Waaqayyoof deebii kennitaa? Inni Abbaa kee, Uumaa kee, kan si hojjetee fi si tolche mitii?
DEU 32:7 Baroota durii yaadadhu; dhaloota darbe illee qalbeeffadhu. Inni siif ibsaatii abbaa kee gaafadhu; maanguddoota kees gaafadhu; isaan sitti himuutii.
DEU 32:8 Waaqni Waan Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaaniif kennetti, yommuu sanyii namaas gargar qoqoodetti, akkuma baayʼina ilmaan Israaʼelitti namootaaf daarii dhaabe.
DEU 32:9 Qoodni Waaqayyoo saba isaa ti; Yaaqoob immoo dhaala dhuunfaa isaa ti.
DEU 32:10 Inni lafa gammoojjii, lafa onaatii fi gammoojjii nama gubu keessatti isa argate. Inni gaachana taʼeefii isa eege; akka qaroo ija isaattis isa eege;
DEU 32:11 akkuma risaan mana ishee diigdee ilmaan ishee irra qoochoo qabdu, akkuma qoochoo ishee balʼiftee ol isaan fudhattu, akkuma qoochoo isheetiinis isaan baattu sana,
DEU 32:12 Waaqayyo qofatu isa geggeesse; waaqni ormaa tokko iyyuu isa wajjin hin turre.
DEU 32:13 Inni lafa ol kaʼaa irra isa burraaqsise; midhaan lafa qotiisaa isa soore. Kattaa keessaa damma isa nyaachise; dhagaa gurraacha keessaa immoo zayitii kenneef;
DEU 32:14 dhadhaa fi aannan saawaanii fi bushaayee, xobbaallaawwanii fi reʼoota cooman, korbeeyyii hoolaa filatamoo Baashaan, ija qamadii gaariis isa soore. Ati cuunfaa dhiiga wayinii qulqulluus ni dhugde.
DEU 32:15 Yishuruun ni gabbate; ni dhiite; nyaatee quufe; ni ulfaate; ni cululuqe. Waaqa isa uume ni dhiise; Kattaa Fayyisaa isaa taʼes ni tuffate.
DEU 32:16 Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan; waaqota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan.
DEU 32:17 Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif, waaqota hin beekiniif, waaqota reefuu dhufaniif, waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.
DEU 32:18 Ati Kattaa si dhalche gante; Waaqa si uume irraanfatte.
DEU 32:19 Waaqayyo waan kana argee isaan tuffate; inni ilmaanii fi intallan ofii isaatti aareeraatii.
DEU 32:20 Innis, “Ani fuula koo isaan duraa nan dhokfadha; dhuma isaaniis nan arga” jedhe; isaan dhaloota jalʼaa, ijoollee hin amanamneedhaatii.
DEU 32:21 Isaan waan Waaqa hin taʼiniin na hinaafsisan; waaqota tolfamoo isaanii kanneen faayidaa hin qabneenis na aarsan. Anis warra saba hin taʼiniin akka isaan hinaafan nan godha; saba hubannaa hin qabneenis isaan nan aarsa.
DEU 32:22 Dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameeraatii; innis hamma siiʼoolitti gad dhidhimee ni bobaʼa. Lafaa fi waan isheen baaftu ni nyaata; hundee tulluuwwaniitti illee ibidda qabsiisa.
DEU 32:23 “Ani waan hamaa isaan irra nan tuula; xiyya koos isaanitti nan fixadha.
DEU 32:24 Beela hamaa, golfaa nyaatee nama fixuu fi dhaʼicha isaanitti nan erga; ilkaan bineensaa qaramaa isaa, hadhaa buutii lafa irra lootuus isaanitti nan erga.
DEU 32:25 Karaa guddaa irratti goraadeen warra ijoollee hin qabne isaan godha; mana isaaniitti sodaatu moʼa. Dargaggoonnii fi dargaggeettiiwwan, daaʼimmanii fi maanguddoonni ni dhumu.
DEU 32:26 Anis isaan nan bittinneessa; yaadannoo isaaniis sanyii namaa keessaa nan balleessa.
DEU 32:27 Garuu akka diinonni isaanii of tuulanii, ‘Harka keenyatu moʼate malee, Waaqayyo waan kana hunda hin goone’ hin jenne, ani dhaadannoo diinaa sodaadheera.”
DEU 32:28 Isaan saba qalbii hin qabne, kan hubannaa tokko illee hin qabnee dha.
DEU 32:29 Isaan utuu ogeeyyii taʼanii waan kana hubatanii silaa dhuma isaanii ni beeku turan!
DEU 32:30 Yoo Kattaan isaanii isaan gurgure malee, yoo Waaqayyo dabarsee isaan kenne malee, akkamitti namni tokko nama kuma tokko yookaan namni lama nama kuma kudhan gugsa?
DEU 32:31 Kattaan isaanii akka kattaa keenyaa miti; kana immoo diinonni keenya iyyuu hin ganan.
DEU 32:32 Wayiniin isaanii wayinii Sodoomiitii fi lafa qotiisaa Gomoraa irraa dhufa. Iji wayinii isaanii summiidhaan, hurbuun isaaniis waan hadhaaʼuun guutameera.
DEU 32:33 Wayiniin isaanii hadhaa bofaa, summii bofa hadhaan isaa nama ajjeesuu ti.
DEU 32:34 “Kun waan na biratti eegame, kan galmee koo keessattis chaappaadhaan cufame mitii?
DEU 32:35 Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa. Yeroo isaatti miilli isaanii ni mucucaata; guyyaan badiisa isaanii dhiʼaateera; badiisni isaaniis isaanitti ariifateera.”
DEU 32:36 Waaqayyo yommuu akka isaan humna dhaban, akka garbichis taʼu namni birmaduun tokko iyyuu hin hafne argutti, saba isaatiif ni murteessa; tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
DEU 32:37 Innis akkana jedha: “Kattaan isaan itti daʼatan, waaqonni tolfamoon isaanii amma eessa jiru?
DEU 32:38 Waaqonni cooma qalma isaanii nyaatan, kanneen dhibaayyuu daadhii wayinii isaanii dhuganis eessa jiru? Mee kaʼanii isaan haa gargaaran! Mee daʼannoo haa kennaniif!
DEU 32:39 “Akka ani mataan koo Isa taʼe beekaa! Ana malee Waaqni biraa hin jiru. Ani nan ajjeesa; nan jiraachisas; nan madeessa; nan fayyisas; namni harka kootii baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
DEU 32:40 Ani dhugumaan bara baraan jiraataadhaatii harka koo samiitti ol qabee nan kakadha;
DEU 32:41 ani yommuun goraadee koo calaqqisaa qaradhee harki koo murtiidhaaf isa qabatutti, ani diinota koo haaloo nan baʼa; warra na jibbaniif illee waan isaaniif malu nan kenna.
DEU 32:42 Yommuu goraadeen koo foon nyaatutti, ani akka xiyyi koo dhiigaan machaaʼu nan godha; dhiigni sunis dhiiga warra qalamaniitii fi boojiʼamanii kan mataa hooggantoota diinaa ti.”
DEU 32:43 Sababii inni haaloo dhiiga tajaajiltoota isaa baʼuuf, yaa sabootaa, namoota isaa wajjin gammadaa. Inni diinota isaa haaloo baʼa; biyyaa fi saba isaatiif araara ni buusa.
DEU 32:44 Museenis Iyyaasuu ilma Nuuni wajjin dhufee dubbiiwwan faarfannaa kana hunda namoota dhageessise.
DEU 32:45 Innis yommuu dubbiiwwan kanneen hunda Israaʼeloota hundatti dubbatee fixetti,
DEU 32:46 akkana isaaniin jedhe; “Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa.
DEU 32:47 Isaan isiniif jireenya malee dubbii faayidaa hin qabne miti. Dubbiiwwan kanaan biyya laga Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”
DEU 32:48 Gaafasuma Waaqayyo akkana jedhee Museetti hime;
DEU 32:49 “Biyya Moʼaab kan fuullee Yerikoo jiru, tulluuwwan Abaariim keessa tulluu Nebootti ol baʼiitii biyya Kanaʼaan, biyya ani Israaʼelootaaf dhaala godhee kennu fuulleetti ilaali.
DEU 32:50 Akkuma obboleessi kee Aroon tulluu Hoori irratti duʼee gara abbootii isaatti walitti qabame sana, atis tulluu yaabbattu sana irratti ni duuta; gara abbootii keetiittis walitti qabamta.
DEU 32:51 Kunis waan isin lamaanuu Gammoojjii Siin, Qaadesh keessatti bishaan Mariibaa biratti fuula Israaʼelootaa duratti na amanuu diddanii fi sababii Israaʼeloota gidduutti qulqullummaa koo hin eeginiif.
DEU 32:52 Kanaafuu ati fagootti argita malee biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu.”
DEU 33:1 Eebbi Museen namni Waaqaa sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana;
DEU 33:2 innis akkana jedhe: “Waaqayyo tulluu Siinaa irraa dhufe; isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe; Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise. Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe; karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe.
DEU 33:3 Dhugumaan situ saba jaallata; qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru. Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu; qajeelfamas sirraa argatu;
DEU 33:4 Museen seera nuu kenneera; kunis dhaala waldaa Yaaqoob.
DEU 33:5 Yeroo hooggantoonni sabaa gosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanitti inni Yishuruun irratti mootii ture.
DEU 33:6 “Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin; yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin.”
DEU 33:7 Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, iyya Yihuudaa dhagaʼi; gara saba isaattis isa fidi. Inni harka ofii isaatiin of haa eegu. Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!”
DEU 33:8 Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe: “Tumiimii fi Uriimiin kee tajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu. Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte; bishaan Mariibaa irratti isa lolte.
DEU 33:9 Waaʼee abbaa fi haadha isaas, ‘Ani isa hin argine’ jedhe. Inni obboloota isaa addaan hin baafanne; ijoollee isaas hin beekne; isaan dubbii keetiif ajajamanii kakuu kee eeganiiruutii.
DEU 33:10 Inni ajaja kee Yaaqoobin, seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa. Fuula kee duratti ixaana, iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa.
DEU 33:11 Yaa Waaqayyo, ogummaa isaa hunda eebbisiif; waan harki isaa hojjetuttis gammadi. Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi; akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi.”
DEU 33:12 Waaʼee Beniyaam akkana jedhe: “Namni Waaqayyo isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu; inni guyyaa guutuu isa eegaatii; namni Waaqayyo isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.”
DEU 33:13 Waaʼee Yoosef akkana jedhe: “Waaqayyo biyya isaa haa eebbisu; fixeensa filatamaa samiidhaa buusuudhaan bishaan boolla gad fagoo keessaatiin,
DEU 33:14 midhaan filatamaa aduun biqilchituun, waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,
DEU 33:15 kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin, badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,
DEU 33:16 kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin, surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu. Isaan kunneen hundi mataa Yoosef kan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan.
DEU 33:17 Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata; gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti. Isaaniinis hamma daarii lafaatti saboota ni waraana. Isaanis kuma kurnan Efreem, akkasumas kumaatama Minaasee ti.”
DEU 33:18 Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe: “Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin, Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi.
DEU 33:19 Isaan saboota gara tulluutti ni waamu; achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu; isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin, qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu.”
DEU 33:20 Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe: “Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha! Gaad irree fi mataa caccabsaa akka leencaatti achi jiraata.
DEU 33:21 Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate; qoodni hooggantootaa isaaf turfame. Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti, inni fedhii qajeelumma Waaqayyootii fi murtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase.”
DEU 33:22 Waaʼee Daanis inni akkana jedhe: “Daan akka ilmoolee leencaa kan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti.”
DEU 33:23 Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe: “Niftaalem surraa gonfateera; eebba Waaqayyootiinis guutameera; inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala.”
DEU 33:24 Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe: “Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha; inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu; miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu.
DEU 33:25 Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa; jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa.
DEU 33:26 “Waaqni akka Waaqa Yishuruun, kan si gargaaruuf jedhee samiiwwan irra, surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru.
DEU 33:27 Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
DEU 33:28 Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata; lafa fixeensi samii itti coccophutti, biyya midhaanii fi wayinii haaraatti namni burqaa Yaaqoob tuqu hin jiru.
DEU 33:29 Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha! Sabni Waaqayyo isa fayyise, kan akka keetii eenyu? Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti; goraadee ulfina keetiitis. Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu; ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta.”
DEU 34:1 Museenis dirree Moʼaabii kaʼee fuullee fiixee Phisgaa kan Yerikootti argamutti, gaara Nebootti ol baʼe. Achittis Waaqayyo guutummaa biyyattii isatti argisiise; kunis Giliʼaadii hamma Daanitti,
DEU 34:2 guutummaa Niftaalem, biyya Efreemiitii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihuudaa kan hamma galaana lixaatti balʼatee jiru,
DEU 34:3 Negeebii fi Magaalaa Meexxii kan sulula Yerikootii jalqabee hamma Zoʼaariitti argamuu dha.
DEU 34:4 Ergasii Waaqayyo, “Kun biyya ani yeroo, ‘Sanyii keetiif nan kenna’ jedhetti kakuudhaan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa galee dha. Ani akka ati ija keetiin argitu godheera; ati garuu achi hin ceetu” jedheen.
DEU 34:5 Museen garbichi Waaqayyoos akkuma Waaqayyo isaan jedhetti achuma Moʼaab keessatti duʼe.
DEU 34:6 Innis biyya Moʼaabitti sulula fuullee Beet Pheʼooritti argamu keessatti isa awwaale; garuu hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka jiru namni tokko iyyuu hin beeku.
DEU 34:7 Museen yeroo duʼetti nama waggaa dhibba tokkoo fi digdama ture; taʼus iji isaa hin dadhabne; humni isaas hin laafne.
DEU 34:8 Israaʼeloonni hamma yeroon gaddaa raawwatutti dirree Moʼaab irratti bultii soddoma Museedhaaf booʼan.
DEU 34:9 Waan Museen harka isaa isa irra kaaʼee tureef Iyyaasuun ilmi Nuuni hafuura ogummaatiin guutame. Kanaafuu Israaʼeloonni isa dhagaʼanii waan Waaqayyo Musee ajaje godhan.
DEU 34:10 Ergasii raajiin akka Musee kan ifaan ifatti Waaqayyoon beeku tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin kaane;
DEU 34:11 kan Waaqayyo akka inni Faraʼoon irratti, qondaaltota isaatii fi guutuu biyya isaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan sana hojjetuuf Gibxitti ergee waan sana hojjete tokko iyyuu hin jiru.
DEU 34:12 Namni tokko iyyuu takkumaa humna guddaa yookaan hojii akka malee sodaachisaa Museen fuula Israaʼeloota hundaa duratti argisiise sana hin argisiifneetii.
JOS 1:1 Erga Museen garbichi Waaqayyoo sun duʼee booddee Waaqayyo akkana jedhee Iyyaasuu ilma Nuuni gargaaraa Musee sanatti dubbate:
JOS 1:2 “Garbichi koo Museen duʼeera. Egaa amma atii fi sabni kun hundinuu gara biyya ani isaaniif, Israaʼelootaaf kennuuf jiruutti galuuf Laga Yordaanos ceʼuuf qophaaʼaa.
JOS 1:3 Anis akkuma Museef waadaa gale sanatti iddoo miilli keessan gaʼe hunda isiniifan kenna.
JOS 1:4 Daangaan keessanis gammoojjiidhaa jalqabdee hamma Libaanoonitti, lagicha guddaa Efraaxiisii jalqabdee biyya Heetotaa hunda keessa baatee karaa dhiʼaatiin hamma Galaana Guddaatti balʼatti.
JOS 1:5 Bara jireenya keetii guutuu namni si dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjinis nan taʼa; ani gonkumaa si hin gatu yookaan si hin dhiisu.
JOS 1:6 Ati sababii akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe sana dhaalaniif saba kana hoogganuuf cimi; ija jabaadhus.
JOS 1:7 “Cimi; ija jabaadhus. Seera garbichi koo Museen siif kenne hundumaaf of eeggannaadhaan ajajami; akka gara deemtu hundumatti siif milkaaʼuufis mirgatti yookaan bitaatti hin gorin.
JOS 1:8 Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
JOS 1:9 Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
JOS 1:10 Kanaafuu Iyyaasuun akkana jedhee qondaaltota sabaa ajaje:
JOS 1:11 “Qubata keessa dedeemaatii namootaan, ‘Galaa keessan qopheeffadhaa. Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isinii kennuuf jiru sana dhaala ofii keessanii gootanii fudhachuuf bultii sadii keessatti Yordaanos ni ceetu.’ ”
JOS 1:12 Iyyaasuun garuu gosa Ruubeeniin, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiin akkana jedhe:
JOS 1:13 “Ajaja garbichi Waaqayyo Museen isinii kenne sana yaadadhaa; ‘Waaqayyo Waaqni keessan boqonnaa isinii kenna; biyya kanas isinii kenneera.’
JOS 1:14 Niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan biyya Museen gama baʼa Yordaanos isinii kenne keessa haa turan; garuu namoonni keessan warri lolaaf qophaaʼan hundi obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan. Isin obboloota keessan gargaaruu qabdu;
JOS 1:15 hamma Waaqayyo akkuma isinii godhe sana isaaniifis boqonnaa kennee isaanis biyya Waaqayyo Waaqni keessan isaanii kennu dhaalanitti isaan gargaaruu qabdu. Ergasii deebitanii biyya keessan kan Museen garbichi Waaqayyo sun gama baʼa Yordaanositti karaa baʼa biiftuu isinii kenne sana ni dhaaltu.”
JOS 1:16 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Nu waan ati nu ajajje kam iyyuu ni hojjenna; gara ati nu ergitu kam iyyuus ni deemna.
JOS 1:17 Nu akkuma Museedhaaf guutumaan guutuutti ajajamne sana siifis akkasuma ni ajajamna. Waaqayyo Waaqni kee garuu akkuma Musee wajjin ture sana si wajjinis haa taʼu.
JOS 1:18 Namni ajaja keetti finciluu fi dubbii ati karaa kamiin iyyuu isa ajajjeef hin ajajamne hundi haa ajjeefamu. Ati qofti cimi; ija jabaadhus!”
JOS 2:1 Ergasii Iyyaasuun ilmi Nuuni, “Dhaqaatii biyya sana, keessumattuu Yerikoo basaasaa” jedhee dhoksaan basaastota lama biyya Shixiimiitii erge. Isaanis deemanii mana sagaagaltittii Rahaab jedhamtu tokkoo seenanii achuma turan.
JOS 2:2 Mooticha Yerikoottis, “Kunoo! Israaʼeloota keessaa namoonni tokko tokko biyyattii basaasuuf galgala kana as dhufaniiru” jedhamee himame.
JOS 2:3 Kanaafuu mootichi Yerikoo, “Sababii isaan guutummaa biyyattii basaasuuf dhufaniif namoota gara kee dhufanii mana kee seenan sana gad baasi” jedhee dhaamsa kana Rahaabitti erge.
JOS 2:4 Dubartittiin garuu namoota lamaan fuutee dhoksite. Isheenis akkana jette; “Dhuguma namoonni gara koo dhufaniiru; ani garuu akka isaan eessaa dhufan hin beekne.
JOS 2:5 Isaanis galgala yommuu yeroon karri magaalattii cufamu gaʼetti baʼanii deeman. Karaa isaan deemanis ani hin beeku. Isaan qaqqabdu taʼaatii dafaa isaan duukaa buʼaa.”
JOS 2:6 Isheen garuu gara bantii manaatti ol isaan baaftee cidii talbaa kan bantii manaa irratti tuultee turte jala isaan dhoksite.
JOS 2:7 Kanaafuu namoonni basaastota sana duukaa buʼuudhaaf karaa gara malkaa Yordaanos geessu irra buʼanii qajeelan; karri sunis akkuma duukaa buutonni sun baʼaniin cufame.
JOS 2:8 Isheenis utuu basaastonni sun buluuf hin ciciisin gara bantii manaatti ol baatee
JOS 2:9 akkana isaaniin jette; “Ani akka Waaqayyo biyya kana isinii kennee fi akka isin sodaachuun nurra buʼes nan beeka; namni biyya kana keessa jiraatu hundinuus sababii keessaniif fuula keessan duratti sodaadhaan hollachaa jira.
JOS 2:10 Yommuu isin Gibxii baatanitti akka itti Waaqayyo Galaana Diimaa fuula keessan duratti gogse, waan isinis Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa kanneen gama baʼa Yordaanositti guutumaan guutuutti balleessitan sana lamaan gootan dhageenyeerra.
JOS 2:11 Nu yommuu waaʼee waan kanaa dhageenyetti sababii keessaniif onneen keenya baqxee abdii kutanne. Waaqayyo Waaqni keessan ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqaatii.
JOS 2:12 “Egaa amma sababii ani garaa isinii laafeef isinis akkasuma akka maatii kootiif garaa laaftan maqaa Waaqayyootiin naa kakadhaa. Mallattoo dhugaas naa kennaa;
JOS 2:13 kunis akka isin lubbuu abbaa kootii, haadha kootii, obbolootaa fi obboleettota kootii, waan kan isaanii taʼe hundaa fi lubbuu keenya duʼa oolchitaniif.”
JOS 2:14 Namoonnis, “Lubbuun keenya sababii lubbuu keessaniitiif haa badduu! Yoo isin waan nu hojjennu kana namatti himuu baattan nu yommuu Waaqayyo biyya kana nuu kennutti gara laafinaa fi amanamummaadhaan si simanna” jedhanii ishee abdachiisan.
JOS 2:15 Kanaafuu isheen sababii manni isheen keessa jiraattu sun dallaa magaalattiitiin wal qabatuuf foddaa keessaan funyoodhaan gad isaan buufte.
JOS 2:16 Isheenis akkana isaaniin jette; “Akka warri isin duukaa buʼan sun isin hin argineef gara gaarraniitti baqadhaa. Hamma isaan deebiʼanitti guyyoota sadii achitti dhokadhaa; ergasii immoo karaa keessan deemaa.”
JOS 2:17 Namoonni sunis akkana jedhaniin; “Kakuun ati nu kakachiifte kun kan nu qabachuu dandaʼu,
JOS 2:18 yoo ati yommuu nu biyyattii seennutti funyoo bildiimaa kana foddaa ittiin gad nu buufte kanatti hiitee abbaa keetii fi haadha kee, obboloota keetii fi maatii kee hunda mana keetti galchite qofa.
JOS 2:19 Namni tokko iyyuu yoo mana kee keessaa gara daandii alaatti gad baʼe, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa; nu itti hin gaafatamnu. Nama si wajjin mana kee keessa jiru immoo yoo harki tokko iyyuu isa tuqe, dhiigni isaa mataa keenyatti deebiʼa.
JOS 2:20 Garuu yoo ati waan nu hojjennu kana namatti himte, nu kakuu ati nu kakachiifte sana jalaa bilisa baana.”
JOS 2:21 Isheenis, “Fudhadheera; akkuma isin jettan haa taʼu” jettee deebifte. Kanaafuu isheen isaan ergite; isaanis kaʼanii deeman. Isheen funyoo bildiimaa sana foddaa sanatti hiite.
JOS 2:22 Isaanis yommuu baʼanitti gara gaarranii deemanii hamma duukaa buutonni sun karaa irra barbaadanii isaan dhabanii deebiʼanitti guyyaa sadii achi turan.
JOS 2:23 Basaastonni lamaan sunis deebiʼanii gaarran keessaa baʼanii malkaadhaan laga ceʼuudhaan gara Iyyaasuu ilma Nuuni dhufan; waan isaan irra gaʼe hundas isatti himan.
JOS 2:24 Isaanis Iyyaasuudhaan, “Waaqayyo dhugumaan biyyattii guutuu harka keenyatti kenneera; namoonni hundinuus sababii keenyaaf sodaadhaan hollachaa jiru” jedhan.
JOS 3:1 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu ganama barii Shixiim keessaa baʼanii gara Laga Yordaanos dhufan. Utuu gamatti hin ceʼin duras achi qubatan.
JOS 3:2 Bultii sadii booddee ajajjoonni loltootaa qubata keessa dedeemanii,
JOS 3:3 akkana jedhanii namoota ajajan: “Isin yommuu taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keessaniitii fi Lewwota luboota taʼan isaanii taaboticha baatan argitanitti iddoo keessanii kaatanii taaboticha faana buʼuu qabdu.
JOS 3:4 Isin sababii duraan karaa kanaan hin darbiniif, karaa deemuun isinii malu ni beektu. Garuu isinii fi taaboticha gidduutti gargari fageenya gara dhundhuma kuma lama hambisaa; ittis hin dhiʼaatinaa.”
JOS 3:5 Iyyaasuunis uummataan, “Of qulqulleessaa; Waaqayyo bor gidduu keessanitti wantoota dinqisiisaa ni hojjetaatii” jedhe.
JOS 3:6 Iyyaasuunis lubootaan, “Taabota kakuu fuudhaatii uummata dura darbaa” jedhe. Kanaafuu isaan taaboticha fuudhanii uummata dura darban.
JOS 3:7 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Akka isaan akka ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjin jiru beekaniif, ani harʼa fuula Israaʼeloota hundaa duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba.
JOS 3:8 Atis luboota taabota kakuu baataniin, ‘Isin yommuu qarqara bishaan Yordaanos geessanitti, dhaqaatii laga keessa dhadhaabadhaa’ jedhi.”
JOS 3:9 Iyyaasuunis Israaʼelootaan akkana jedhe; “As kottaatii dubbii Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼaa.
JOS 3:10 Akki isin itti akka Waaqni jiraataan gidduu keessan jiruu fi akka inni dhugumaan Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Feerzota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota fuula keessan duraa ariʼee baasu beektan kanaa dha.
JOS 3:11 Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa lafa hundumaa isin duraan Yordaanos ni seena.
JOS 3:12 Kanaafuu amma gosoota Israaʼel keessaa nama kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhaa.
JOS 3:13 Akkuma luboonni taabota Waaqayyo Gooftaa lafa hundaa baatan miilla isaanii Yordaanos keessa seensisaniin, bishaan isaa kan gubbaadhaa gad yaaʼu ni cita; tuulamees ol dhaabata.”
JOS 3:14 Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman.
JOS 3:15 Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen,
JOS 3:16 bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Addaam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan.
JOS 3:17 Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu Waaqayyoo baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan.
JOS 4:1 Waaqayyos erga sabni guutuun Yordaanosin ceʼee booddee, Iyyaasuudhaan akkana jedhe;
JOS 4:2 “Saba keessaa nama kudha lama, tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhuutii
JOS 4:3 akka isaan walakkaa Yordaanos keessaa iddoo luboonni dhadhaabatan sanaa dhagoota kudha lama fuudhanii, baatanii isin wajjin deemanii iddoo isin edana bultanitti lafa kakaaʼan itti himi.”
JOS 4:4 Kanaafis Iyyaasuun, namoota kudha lamaan Israaʼeloota keessaa, tokkoo tokkoo gosaa keessaa tokko tokko filate sana walitti waamee
JOS 4:5 akkana jedheen; “Taabota Waaqayyo Waaqa keessanii kana dura darbaatii walakkaa Yordaanos seenaa. Tokkoon tokkoon keessanis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagaa tokko tokko fudhattanii gatiittii keessanitti baachuu qabdu.
JOS 4:6 Kunis akka wanni kun gidduu keessanitti mallattoo taʼuuf. Yommuu ijoolleen keessan gara fuulduraatti, ‘Dhagoonni kunneen maal argisiisu?’ jedhanii isin gaafatanitti,
JOS 4:7 akka bishaan laga Yordaanos fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti gargar cite itti himaa. Yommuu taabonni kun laga Yordaanos ceʼetti bishaan Yordaanos gargar cite. Dhagaawwan kunneenis saba Israaʼeliif yaadannoo bara baraa taʼu.”
JOS 4:8 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Iyyaasuun isaan ajaje godhan. Isaanis akkuma Waaqayyo Iyyaasuutti hime sana, akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagoota kudha lama walakkaa Yordaanos keessaa fuudhan; hamma iddoo qubata isaaniittis baatanii achitti lafa kaaʼatan.
JOS 4:9 Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan walakkaa Yordaanos keessa iddoo luboonni taabota kakuu baatan sun ijaajjaa turan sana ol dhadhaabe. Isaanis hamma harʼaatti achuma jiru.
JOS 4:10 Luboonni taabota kakuu baatan sunis hamma wanni Waaqayyo akka inni namootatti himuuf Iyyaasuu ajaje hundi akkuma Museen Iyyaasuu ajajetti raawwatamutti walakkaa Yordaanos keessa dhadhaabachaa turan. Namoonnis dafanii ceʼan;
JOS 4:11 akkuma hundi isaanii ceʼaniinis utuma namoonni arganuu taabonni Waaqayyootii fi luboonni gara gama kaaniitti ceʼan.
JOS 4:12 Ilmaan Ruubeen, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Museen isaan ajajetti miʼa lolaa hidhatanii Israaʼeloota dura gara gamaatti ceʼan.
JOS 4:13 Namni gara kuma afurtamaa taʼu warraanaaf hidhatee fuula Waaqayyoo dura gara dirree Yerikootti lolaaf ceʼe.
JOS 4:14 Waaqayyos guyyaa sana fuula Israaʼeloota hundaa duratti Iyyaasuu nama guddaa godhe; isaanis akkuma Museef ulfina kennaa turan sana bara jireenya isaa guutuu Iyyaasuufis ulfina kennan.
JOS 4:15 Ergasiis Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe;
JOS 4:16 “Akka isaan Yordaanos keessaa ol baʼaniif luboota taabota kakuu seeraa baatan sana ajaji.”
JOS 4:17 Kanaafuu Iyyaasuun, “Yordaanos keessaa ol baʼaa” jedhee luboota ajaje.
JOS 4:18 Luboonnis taabota kakuu Waaqayyoo baatanii laga keessaa ol baʼan. Akkuma isaan miilla isaanii lafa gogaa irra dhaabbataniin bishaan Yordaanos iddoo ofiitti deebiʼee akkuma duraanii guutee irra dhangalaʼe.
JOS 4:19 Guyyaa kurnaffaa jiʼa jalqabaatti namoonni Yordaanos keessaa ol baʼanii Gilgaal isa baʼa daarii Yerikoo keessa qubatan.
JOS 4:20 Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan isaan Yordaanos keessaa fuudhan sana Gilgaal keessa dhadhaabe.
JOS 4:21 Innis Israaʼelootaan akkana jedhe; “Gara fuulduraatti yoo sanyiin keessan, ‘Dhagaawwan kunneen maal argisiisu?’ jedhanii abbootii isaanii gaafatan,
JOS 4:22 ‘Israaʼel lafa gogaa irra Yordaanos ceʼe’ jedhaa itti himaa.
JOS 4:23 Waaqayyo Waaqni keessan hamma isin gamatti ceetanitti fuuluma keessan duratti Yordaanos gogsee tureetii. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma hamma nu ceenutti Galaana Diimaa fuula keenya duratti gogse sana Yordaanosiinis gogse.
JOS 4:24 Innis akka sabni lafaa hundinuu akka harki Waaqayyoo jabaa taʼe argisiisuu fi akka isinis yeroo hunda Waaqayyo Waaqa keessan sodaattaniif waan kana hojjete.”
JOS 5:1 Mootonni Amoorotaa kanneen gama dhiʼa Yordaanos jiraatanii fi mootonni Kanaʼaanotaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi akka Waaqayyo hamma nu ceenutti fuula saba Israaʼel duratti Yordaanos gogse yommuu dhagaʼanitti onneen isaanii ni baqxe; deebiʼaniis fuula Israaʼelootaa dura dhaabachuu sodaatan.
JOS 5:2 Waaqayyo yeroo sana Iyyaasuudhaan, “Haaduu qara qabu tolchiitii ammas Israaʼeloota dhagna qabi” jedhe.
JOS 5:3 Kanaafuu Iyyaasuun haaduu qara qabu tolchee Gibeʼaat Aaralootitti Israaʼeloota dhagna qabe.
JOS 5:4 Sababiin Iyyaasuun waan kana hojjeteef kana: Warri biyya Gibxii baʼanii dhufan hundinuu jechuunis dhiironni lolan hundinuu erga Gibxii baʼanii booddee gammoojjii keessatti karaatti dhuman.
JOS 5:5 Namoonni Gibxii baʼan hundi dhagna qabatanii turan; warri yeroo Gibxii baʼanii gammoojjii keessa deemaa turanitti karaatti dhalatan garuu dhagna hin qabamne.
JOS 5:6 Israaʼeloonni sababii Waaqayyoof ajajamuu didaniif hamma namoonni yeroo Gibxii baʼanitti loluu dandaʼan hundi dhumanitti waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran. Waaqayyo akka isaan biyya inni nuu kennuuf abbootii isaanii abdachiisee ture, biyya aannanii fi damma baaftu sana hin argine isaanitti kakatee tureetii.
JOS 5:7 Kanaafuu inni qooda isaanii ilmaan isaanii kaase; isaanis warra Iyyaasuun dhagna qabee dha. Isaan sababii karaatti dhagna hin qabaminiif hamma harʼaatti utuu dhagna hin qabamin jiraatan.
JOS 5:8 Isaanis erga sabni guutuun dhagna qabamee booddee hamma fayyanitti lafuma jiran sana qubata keessa turan.
JOS 5:9 Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Ani harʼa arrabsoo Gibxi sana isin irraa gangalcheera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun hamma harʼaatti Gilgaal jedhamee waamama.
JOS 5:10 Galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa sanaatti sabni Israaʼel utuma dirree Yerikoo irra Gilgaal keessa qubatee jiruu Faasiikaa ayyaaneffate.
JOS 5:11 Isaanis guyyaa Faasiikaatti aanee dhufu, gaafuma sana midhaan biyyattii keessaa waa nyaatan; kunis Maxinoo fi asheetii waadamee dha.
JOS 5:12 Mannaanis guyyuma isaan midhaan biyya sanaa nyaatanitti aanu gad buʼuu dhiise; ergasii mannaan tokko iyyuu warra Israaʼeliif gad hin buune; garuu isaan waggaa sana keessa midhaan biyya Kanaʼaan nyaatan.
JOS 5:13 Iyyaasuun yommuu Yerikootti dhiʼaatetti, ol milʼatee nama goraadee luqqifame harkatti qabatee isa dura dhaabatu tokko arge. Iyyaasuun gara isaa dhaqee, “Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?” jedhee isa gaafate.
JOS 5:14 Innis deebisee, “Ani gara eenyuu iyyuu miti; garuu ani amma akka ajajaa loltoota Waaqayyootti dhufeera” jedhe. Iyyaasuunis addaan lafatti gombifamee sagadee, “Ergaan Gooftaan koo garbicha isaatiif qabu maali?” jedhee isa gaafate.
JOS 5:15 Ajajaan loltoota Waaqayyoos Iyyaasuudhaan, “Sababii iddoon ati dhaabattu kun qulqulluu taʼeef kophee kee of irraa baasi” jedhe. Iyyaasuunis akkasuma godhe.
JOS 6:1 Yeroo sanatti Yerikoon sababii Israaʼelootaatiif jabeeffamtee cufamtee turte. Namni tokko iyyuu gad hin baʼu; namni tokko iyyuus ol hin seenu ture.
JOS 6:2 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Kunoo ani mootii isheetii fi loltoota ishee wajjin Yerikoo dabarsee harka keetti kenneera.
JOS 6:3 Hidhattoota hunda wajjin yeroo tokko magaalattii irra naannaʼaa; kanas bultii jaʼa hojjedhaa.
JOS 6:4 Luboonni torbas malakata torba kanneen gaanfa hoolaa irraa hojjetaman qabatanii taabota dura haa deeman. Isinis guyyaa torbaffaatti yeroo torba magaalattii irra nanaannaʼaa; luboonnis malakata haa afuufan.
JOS 6:5 Yommuu isaan sagalee malakataa dheeraa isaa dhageessisanitti namni hundinuu sagalee guddaadhaan haa iyyu; dallaan magaalaa sanaa yommusuma jiga; namoonnis ol baʼu; namni hundinuus qajeelee itti seena.”
JOS 6:6 Kanaafuu Iyyaasuun ilmi Nuuni luboota ofitti waamee, “Taabota kakuu Waaqayyoo fuudhaatii luboonni torba malakata baatanii isa dura haa deeman” jedheen.
JOS 6:7 Namootaanis, “Fuula duratti deemaatii magaalaa sana irra naannaʼaa; loltoonni hidhatanis taabota Waaqayyoo dura haa deeman” jedhe.
JOS 6:8 Erga Iyyaasuun namootatti dubbatee booddee, luboonni torban fuula Waaqayyoo duratti malakata torba baatan sun malakata isaanii afuufaa dura darban; taabonni kakuu Waaqayyoos isaan duukaa buʼe.
JOS 6:9 Loltoonni miʼa lolaa hidhatanis luboota malakata afuufaa turan dura deeman; loltoonni dugda duubaa immoo taaboticha duukaa buʼan. Yeroo kana hundas malakanni afuufamaa ture.
JOS 6:10 Iyyaasuun garuu namootaan, “Iyya lolaa hin iyyinaa; sagalee keessan ol hin fudhatinaa; hamma guyyaa ani iyyaa isiniin jedhuutti dubbii tokko illee hin dubbatinaa. Gaafas iyyaa!” jedhe.
JOS 6:11 Kanaafuu inni akka taabonni Waaqayyoo baatamee magaalaa sana irra yeroo tokko naannaʼu godhe. Ergasiis namoonni gara qubataatti deebiʼanii achi bulan.
JOS 6:12 Iyyaasuun guyyaa itti aanu ganama barii kaʼe; luboonnis taabota Waaqayyoo ol fuudhan.
JOS 6:13 Luboonni torban malakata torba baatanis taabota Waaqayyoo dura deemaa malakatas afuufaa fuula duratti qajeelan. Loltoonni miʼa lolaa hidhatan isaan dura buʼan; loltoonni dugda duubaa immoo taabota Waaqayyoo duukaa buʼan; malakannis ittuma fufee afuufamaa ture.
JOS 6:14 Kanaafuu guyyaa lammaffaatti yeroo tokko magaalattii irra naannaʼanii gara qubataatti deebiʼan. Kanas bultii jaʼa hojjetan.
JOS 6:15 Guyyaa torbaffaatti ganama barii kaʼanii haaluma duraa sanaan yeroo torba magaalattii irra naannaʼan; isaan gaafuma sana qofa yeroo torba magaalattii irra naannaʼan.
JOS 6:16 Marsaa torbaffaatti yommuu luboonni malakata afuufanitti Iyyaasuun akkana jedhee namoota ajaje; “Iyyaa! Waaqayyo magaalattii isinii kenneeraatii!
JOS 6:17 Magaalattii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu Waaqayyoof addaan haa baafaman. Sababii isheen basaastota nu erganne sana dhoksiteef, Rahaab sagaagaltittiin qofti warra mana ishee keessa jiran hunda wajjin haa baraaramtu.
JOS 6:18 Isin garuu akka isaan keessaa tokko illee fudhattanii akkasiin badiisa ofitti hin fidneef waan laguu taʼe irraa fagaadhaa. Yoo kanaa achii isin qubata Israaʼeliitti iyyuu badiisa fiddanii rakkina irraan geessu.
JOS 6:19 Meetii fi warqeen hundi, miʼi naasiitii fi sibiilaa hundi sababii Waaqayyoof qulqulleeffamaniif mankuusa isaatti galuu qabu.”
JOS 6:20 Yommuu malakanni afuufametti namoonni ni iyyan; yommuu sagaleen malakata sanaa dhagaʼamee namoonnis sagalee guddaadhaan iyyanitti dallaan magaalaa sanaa ni kufe. Kanaafuu namni hundi fuul duratti girrisee seenuudhaan magaalaa sana qabate.
JOS 6:21 Isaanis waan magaalaa sana Waaqayyoof addaan baasaniif waan isa keessa jiru hunda jechuunis dhiiraa dubartii, xinnaa guddaa, loon, hoolotaa fi harroota goraadeedhaan fixan.
JOS 6:22 Iyyaasuunis namoota lamaan biyya sana basaasanii turaniin, “Mana sagaagaltuu sanaa ol seenaatii akkuma isin isheef kakattanitti ishee fi warra kan ishee taʼan hunda gad baasaa fidaa” jedhe.
JOS 6:23 Kanaafuu dargaggoonni basaasuu dhaqanii turan sun ol seenanii Rahaab, abbaa isheetii fi haadha ishee, obboloota isheetii fi waan kan ishee taʼe hundumaa gad baasan. Maatii ishee hundas alatti baasanii qubata Israaʼeliitiin ala isaan tursan.
JOS 6:24 Ergasii guutummaa magaalaa sanaatii fi waan ishee keessa jiru hunda guban; garuu meetii fi warqee, miʼa naasiitii fi sibiilaa mankuusa mana Waaqayyootti galchan.
JOS 6:25 Iyyaasuun garuu sababii isheen namoota inni akka basaasaniif gara Yerikootti ergee ture sana dhoksiteef Rahaab sagaagaltuu sana maatii isheetii fi waan kan ishee taʼe hunda wajjin ni baraare; isheenis hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatti.
JOS 6:26 Iyyaasuunis yeroo sanatti akkana jedhee kakate; “Namni magaalaa Yerikoo kana deebisee ijaaru fuula Waaqayyoo duratti abaaramaa haa taʼu: “Inni hundee ishee buusnaan, ilmi isaa hangafti haa duʼu; karra ishee ijaaruu jalqabnaan, ilmi isaa quxisuun haa duʼu.”
JOS 6:27 Kanaafuu Waaqayyo Iyyaasuu wajjin ture; maqaan isaas guutummaa biyyatii keessatti beekame.
JOS 7:1 Israaʼeloonni garuu waan Waaqayyoof addaan baafame irratti amanamummaa dhaban; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa waan Waaqayyoof addaan baafame sana keessaa waan tokko tokko fudhate. Kanaafis dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼe.
JOS 7:2 Kana irratti Iyyaasuun Yerikoodhaa gara Aayi kan Beet Aawwen bira gama baʼa Beetʼeelitti argamtu sanaatti nama ergee, “Dhaqaatii naannoo sana basaasaa” jedhe. Kanaafuu namoonni ol baʼanii Aayin basaasan.
JOS 7:3 Isaanis gara Iyyaasuutti deebiʼanii, “Namni hundinuu Aayitti ol baʼuu hin qabu. Sababii namni muraasni qofti achi jiruuf akka isaan dhaqanii biyyattii fudhataniif nama kuma lama yookaan kuma sadii taʼu ergi malee namoota hundumaa hin dadhabsiisin” jedhaniin.
JOS 7:4 Kanaafuu namoonni gara kuma sadii taʼan kaʼanii ol baʼan; isaan garuu namoota Aayi duraa baqatan;
JOS 7:5 namoonni Aayis gara nama soddomii jaʼa isaan jalaa fixan. Isaanis karra magaalattiitii jalqabanii hamma Shabaariimiitti Israaʼeloota ariʼanii ededa irratti isaan fixan; kanaanis onneen namootaa baqxee akka bishaanii taate.
JOS 7:6 Iyyaasuunis uffata isaa tarsaasee fuula taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee hamma galgalaatti achuma ture. Maanguddoonni saba Israaʼelis akkasuma godhanii mataa ofii isaanii irratti awwaara firfirsan.
JOS 7:7 Iyyaasuunis akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati maaliif akka isaan nu fixaniif harka Amoorotaatti nu kennuuf jettee saba kana Yordaanosiin ceesifte? Silaa utuu Yordaanos gamatti hafnee nuuf wayya ture!
JOS 7:8 Yaa Gooftaa, erga sabni Israaʼel diinota isaa baqatee ani amma maal jechuu dandaʼa?
JOS 7:9 Kanaʼaanonnii fi saboonni biyya kanaa kan biraa waan kana dhagaʼanii nu marsanii maqaa keenya lafa irraa ni balleessu. Yoos ati maqaa kee guddaa sanaaf maal goota?”
JOS 7:10 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Ol kaʼi! Ati maaliif addaan gombifamte?
JOS 7:11 Israaʼel cubbuu hojjeteera; isaan kakuu koo kan ani akka isaan eeganiif isaan ajaje sana cabsaniiru. Isaan waan addaan naa baafame keessaa waan tokko tokko fudhataniiru; hataniiru; sobaniiru; waan sanas qabeenya isaanii wajjin ol kaaʼataniiru.
JOS 7:12 Wanni Israaʼeloonni diinota isaanii dura dhaabachuu hin dandeenyeefis kanuma; isaan sababii badiisaaf ramadamaniif dugda duubatti garagalanii diinota isaanii baqatan. Ani hamma ati waan badiisaaf ajajame kam iyyuu gidduu keessanii balleessitutti siʼachi isin wajjin hin jiraadhu.
JOS 7:13 “Kaʼiitii saba qulqulleessi. Akkanas isaaniin jedhi; ‘Boriif ofi qulqulleessaa; wanni Waaqayyo Waaqni Israaʼel jedhu isa kanaatii; yaa Israaʼel, wanni hirmii taʼe tokko gidduu keessan jira. Isin hamma waan sana of keessaa baaftanitti diinota keessan of irraa ittisuu hin dandeessan.
JOS 7:14 “ ‘Kanaafuu ganama gosa gosaan ofi dhiʼeessaa. Gosti Waaqayyo filatu balbala balbalaan gara fuula duraatti haa baʼu; balballi Waaqayyo filatus maatii maatiidhaan gara fuula duraatti haa baʼu; maatiin Waaqayyo filatus nama tokko tokkoon gara fuula duraatti haa baʼu.
JOS 7:15 Namni waan balleeffamuu qabu wajjin qabame, waan qabu hundumaa wajjin ibiddaan haa gubamu. Inni kakuu Waaqayyoo cabseera; waan Israaʼel keessatti qaanii taʼes hojjeteera!’ ”
JOS 7:16 Kanaafuu Iyyaasuun ganama bariin kaʼee saba Israaʼel gosa gosaan gara fuula duraatti baase; gosti Yihuudaas ni filatame.
JOS 7:17 Balballi Yihuudaa gara fuula duraatti baʼe; Iyyaasuunis balbala Zaaraa addaan baase. Balballi Zaaraas maatii maatiin gara fuula duraatti baʼe; Zabdiinis ni filatame.
JOS 7:18 Iyyaasuunis maatii isaa nama tokko tokkoon gara fuula duratti baase; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa ni filatame.
JOS 7:19 Kana irratti Iyyaasuun Aakaaniin akkana jedhe; “Yaa ilma ko, Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif ulfina kenni; cubbuu kees isatti himadhu; mee waan hojjette natti himi; na hin dhoksin.”
JOS 7:20 Aakaanis akkana jedhee deebise; “Wanni kun dhugaa dha! Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti cubbuu hojjedheera. Wanni ani hojjedhes kunoo kana:
JOS 7:21 Ani waan Baabilonii boojiʼame keessaa waaroo bareedaa tokko, meetii saqilii dhibba lamaa fi warqee saqilii shantama ulfaatu arginaan kajeelee fudhadheera. Miʼi kunis dunkaana koo keessatti meetii jala lafa keessatti dhokfameera.”
JOS 7:22 Kanaafuu Iyyaasuun ergamoota erge; isaanis gara dunkaana sanaatti fiigan; miʼi sunis dunkaanicha keessatti, meetii jala dhokfamee ture.
JOS 7:23 Isaan miʼa sana dunkaanicha keessaa guuranii gara Iyyaasuutii fi Israaʼeloota hundaatti fidanii fuula Waaqayyoo duratti diriirsan.
JOS 7:24 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Aakaan ilma Zaaraa, meetii, waaroo, muraa warqee, ilmaan isaatii fi intallan isaa, loon isaa, harroota isaa, hoolota isaa, dunkaana isaatii fi waan inni qabu hunda guuranii Sulula Aakooritti geessan.
JOS 7:25 Iyyaasuunis, “Ati maaliif rakkina kana hunda nutti fidde? Waaqayyo harʼa rakkina sitti fida” jedheen. Israaʼeloonni hundinuus dhagaadhaan isa tuman; jara kaan illee erga dhagaadhaan tumanii booddee ibiddaan isaan guban.
JOS 7:26 Aakaan irratti tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaatti illee jiru tokko tuulan. Waaqayyos dheekkamsa isaa guddaa sana irraa deebiʼe. Kanaafis iddoon sun hamma harʼaatti Sulula Aakoor jedhamee waamama.
JOS 8:1 Ergasiis Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. Loltoota hunda fudhadhuutii ol baʼii magaalaa Aayi loli. Ani kunoo mootii Aayi, nama isaa, magaalaa isaatii fi biyya isaa harka keetti dabarsee kenneeraatii.
JOS 8:2 Akkuma Yerikoo fi mootii ishee goote sana, Aayii fi mootii ishee illee goota; yeroo kana garuu boojuu fi horii ishee ofii keessanii fudhachuu dandeessu. Nama riphee magaalattii eegu karaa duubaatiin kaaʼi.”
JOS 8:3 Iyyaasuu fi loltoonni hundinuus kaʼanii Aayin loluuf baʼan. Innis loltoota isaa warra jajjaboo keessaa nama kuma soddoma filatee halkaniin erge;
JOS 8:4 akkanas jedhee isaan ajaje: “Mee qalbiidhaan na dhagaʼaa. Isin boroo magaalaatti riphxu. Guddiftanii irraa hin fagaatinaa. Hundi keessan qophaaʼaa.
JOS 8:5 Anii fi warri na wajjin jiran hundi magaalaa sanatti dhiʼaanna; yommuu namoonni akkuma duraa sana fuula duraan nutti dhufan nu isaan duraa baqanna.
JOS 8:6 Isaanis sababii, ‘Jarri kun akkuma duraa sana nu baqachaa jiru’ nuun jedhaniif, hamma nu magaalaa sana irraa isaan fageessinutti nu duukaa buʼu. Kanaafuu yommuu nu isaan baqannutti,
JOS 8:7 isin immoo iddoo itti riphxanii kaatanii magaalaa sana qabattu. Waaqayyo Waaqni keessanis magaalaa sana harka keessanitti dabarsee ni kenna.
JOS 8:8 Isin yommuu magaalaa sana qabattanitti ibidda itti qabsiisaa. Waan kanas akkuma Waaqayyo ajajetti hojjedhaa. Kunoo ani isin ajajeera.”
JOS 8:9 Ergasii Iyyaasuun isaan erge; isaanis gara iddoo itti riphan kan gama baʼa Aayitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduu jiru sanaa dhaqan; Iyyaasuun garuu halkan sana uummata wajjin bule.
JOS 8:10 Guyyaa itti aanu ganama barii Iyyaasuun namoota ofii isaa walitti qabatee innii fi maanguddoonni Israaʼel namoota dura Aayitti ol qajeelan.
JOS 8:11 Loltoonni isa wajjin turan hundinuu ol baʼanii fuula duraan magaalattiitti dhiʼaatanii karaa kaaba Aayitiin qubatan. Sululli tokkos isaanii fi magaalattii gidduutti argama ture.
JOS 8:12 Iyyaasuun nama gara kuma shan fudhatee gama lixa magaalattiitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduutti riphsiise.
JOS 8:13 Isaanis namoota, jechuunis loltoota gama kaaba magaalattiitiin turan hundaa fi warra dugda duubaan gama lixaatiin riphanii turan iddoo iddoo isaanii qabsiisan. Iyyaasuun garuu gara sululaatti gad buʼee halkan sana achi bule.
JOS 8:14 Mootiin Aayi yommuu waan kana argetti, innii fi namoonni magaalaa sanaa hundinuu iddoo Arabbaan olii tokkotti Israaʼelootaan wal waraanuuf ganama bariin ariifatanii baʼan. Inni garuu akka waraanni riphee dugda magaalaa sanaa duubaan isa eeggatu hin beekne.
JOS 8:15 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi waan ariʼaman of fakkeessanii dugda duubatti deebiʼanii fuula isaanii dura gara gammoojjiitti baqatan.
JOS 8:16 Namoonni Aayi hundinuus akka Israaʼeloota ariʼaniif walitti waamaman; isaanis Iyyaasuu faana buʼanii akkasiin magaalattii irraa fageeffaman.
JOS 8:17 Namni Israaʼeloota faana buʼee ariʼuuf hin baʼin tokko iyyuu Aayi yookaan Beetʼeel keessatti hin hafne. Magaalattiis eegumsa malee hambisanii Israaʼeloota ariʼuuf baʼan.
JOS 8:18 Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Sababii ani magaalattii harka keetti dabarsee kennuuf, eeboo harkaa qabdu gara Aayitti deebifadhu” jedhe. Kanaafuu Iyyaasuun eeboo isaa gara Aayitti deebifate.
JOS 8:19 Akkuma inni waan kana godheen warri riphanii eeggachaa turan sun dafanii iddoo isaaniitii kaʼanii fuul duratti fiigan. Isaanis magaalattii seenanii qabatan; dafaniis ibidda itti qabsiisan.
JOS 8:20 Namoonni Aayi yommuu garagalanii of duuba ilaalanitti aara magaalattii kan samiitti ol kaʼu argan; garuu sababii Israaʼeloonni duraan gara gammoojjiitti baqatan sun amma warra isaan ariʼaa jiranitti garagalaniif, jarri eessumattuu baqachuuf carraa tokko illee hin arganne.
JOS 8:21 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu yommuu akka warri riphee eeggachaa ture sun magaalattii qabatee fi akka aarri magaalattii irraa kaʼu arganitti of irra garagalanii namoota Aayi dhaʼan.
JOS 8:22 Namoonni riphanii turanis magaalaadhaa baʼanii isaanitti dhufan; kanaafuu Israaʼeloonni gamanaa gamasiin isaan marsanii jarri Israaʼeloota gidduutti qabaman. Israaʼeloonnis akka namni tokko iyyuu hin hafneef yookaan baqatee hin miliqneef isaan fixan.
JOS 8:23 Mootii Aayi garuu lubbuudhumaan qabanii Iyyaasuutti fidan.
JOS 8:24 Israaʼeloonni yommuu dhiirota Aayi hunda dirree fi gammoojjii jarri itti Israaʼeloota ariʼan sanatti qalanii isaan fixanitti, Israaʼeloonni hundinuu gara Aayitti dachaʼanii warra achitti hafes goraadeedhaan barbadeessan.
JOS 8:25 Namoonni Aayi kanneen gaafasi dhuman dhiiraa dubartiin kuma kudha lama turan.
JOS 8:26 Iyyaasuun hamma namoota Aayi keessa jiraatan hunda fixutti harka isaa kan diriirfatee ittiin eeboo qabate sana hin dachaafanne tureetii.
JOS 8:27 Israaʼel garuu akkuma Waaqayyo Iyyaasuu ajajetti horii fi boojuu magaalattii qofa fudhate.
JOS 8:28 Akkasitti Iyyaasuun Aayin gubee tuulaa daaraa godhe hambise; hamma harʼaattis isheen akkuma barbadooftetti jirti.
JOS 8:29 Innis mootii Aayi muka irratti fannisee hamma biiftuun lixxutti achumatti isa dhiise. Iyyaasuun yommuu aduun dhiitetti akka isaan reeffa isaa muka irraa gad buusanii karra magaalattii duratti darbatan isaan ajaje. Isaanis tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaattis jiru reeffa sana irratti tuulan.
JOS 8:30 Ergasii Iyyaasuun Tulluu Eebaal irratti Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif iddoo aarsaa ijaare.
JOS 8:31 Iddoo aarsaa kanas akkuma Museen garbichi Waaqayyoo Israaʼeloota ajaje sanatti hojjete. Innis akkuma Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffametti dhagaa hin soofamin kan sibiilli hin tuqiniin hojjete; isa irrattis aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas Waaqayyoof qalan.
JOS 8:32 Iyyaasuunis achumatti fuula Israaʼelootaa duratti, seera Museen barreessee ture sana dhagaa irratti garagalche.
JOS 8:33 Israaʼeloonni hundinuu, alagaa fi dhalataan biyyaa, maanguddoota isaanii wajjin, ajajjoota loltootaatii fi abbootii seeraa wajjin, Lewwota luboota taʼan kanneen taabota kakuu Waaqayyoo baatan sanatti fuula deebifatanii bitaa mirgaan dhadhaabatan. Akkuma Museen garbichi Waaqayyoo akka isaan saba Israaʼel eebbisaniif jalqabatti isaan ajaje sanatti walakkaan isaanii Tulluu Gerziim dura dhadhaabatanii walakkaan isaanii immoo Tulluu Eebaal dura dhadhaabatan.
JOS 8:34 Ergasiis Iyyaasuun akkuma Kitaaba Seeraa keessatti barreeffametti dubbii seeraa hunda kan eebbaatii fi kan abaarsaa ni dubbise.
JOS 8:35 Dubbii Museen isa ajaje hunda keessaa wanni Iyyaasuun waldaa Israaʼel hundaaf akkasumas dubartootaaf, daaʼimmanii fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif utuu hin dubbisin bira darbe tokko iyyuu hin turre.
JOS 9:1 Mootonni Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa kanneen gama lixa Yordaanos biyya gaaraa, lafa gammoojjiitii fi qarqara Galaana Guddichaa kan hamma Libaanoonitti jiru keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti,
JOS 9:2 Iyyaasuu fi Israaʼelitti waraana banuuf walitti qabaman.
JOS 9:3 Namoonni Gibeʼoon garuu yommuu waan Iyyaasuun Yerikoo fi Aayi godhe dhagaʼanitti,
JOS 9:4 isaanis gama isaaniitiin daba hojjechuuf mariʼatan; isaanis nama karaa deemu fakkaatanii keeshaa moofaʼee fi qalqalloo daadhii wayinii kan dulloomee tarsaʼee erbame harree isaaniitti feʼatanii qajeelan.
JOS 9:5 Kophee moofaʼee erbame miillatti kaaʼatanii wayyaa moofaʼe uffatan. Buddeenni isaan fudhatanii deeman hundis goggogaa fi kan arraaʼee ture.
JOS 9:6 Isaanis qubata Gilgaalitti Iyyaasuu bira dhaqanii isaa fi namoota Israaʼeliin, “Nu biyya fagoodhaa dhufne; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhan.
JOS 9:7 Namoonni Israaʼel immoo Hiiwotaan, “Tarii isin asuma nutti dhiʼoo jiraattu taʼa; yoos nu akkamiin isin wajjin walii galtee godhachuu dandeenya ree?” jedhan.
JOS 9:8 Isaan garuu Iyyaasuudhaan, “Nu garboota kee ti” jedhan. Iyyaasuunis, “Isin eenyuu dha? Eessaa dhuftani?” jedhee isaan gaafate.
JOS 9:9 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Nu garboonni kee sababii maqaa Waaqayyo Waaqa keetii dhageenyeef biyya akka malee fagootii dhufne. Nu oduu waaʼee isaatii fi waan inni biyya Gibxii keessatti hojjete hundumaa dhageenyeerraatii;
JOS 9:10 waan inni mootota Amoorotaa lamaan warra gama baʼa Yordaanos jiraatan jechuunis Sihoon mootii Heshboonii fi Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture sana godhe hundumaa dhageenyeerra.
JOS 9:11 Maanguddoonni keenyaa fi jiraattonni biyya keenyaa hundinuu, ‘Karaa keessaniif waan nyaattan harkatti qabadhaatii isaan arguu dhaqaa, “Nu garboota keessanii dha; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhaanii’ nuun jedhan.
JOS 9:12 Buddeenni keenya kun gaafa nu hidhannee gara keessan dhufuuf manaa baane hoʼaa ture. Amma garuu akka inni goggogee arraaʼe argaa.
JOS 9:13 Qalqalloon nu daadhii wayinii itti guutanne kunis haaraa ture; amma garuu akka inni tatarsaʼe ilaalaa. Uffanni keenyaa fi kopheen keenyas deemsa karaa dheeraa kanaan nu jalaa dhumeera.”
JOS 9:14 Namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa waa fudhatan malee Waaqayyoon gorsa hin gaafanne.
JOS 9:15 Iyyaasuunis akka isaan jiraataniif isaan wajjin walii galtee nagaa godhe; hooggantoonni waldaas waan kana kakuudhaan mirkaneessan.
JOS 9:16 Warri Israaʼel immoo erga Gibeʼoonota wajjin walii galtee godhatan guyyaa sadii booddee akka jarri warra naannoo isaanii kanneen isaanitti dhiʼoo jiraatan taʼan dhagaʼan.
JOS 9:17 Kanaafuu Israaʼeloonni kaʼanii guyyaa sadaffaatti gara magaalaa isaanii jechuunis gara Gibeʼoon, Kefiiraa, gara Biʼeerootii fi Kiriyaati Yeʼaariim dhufan.
JOS 9:18 Israaʼeloonni garuu sababii hooggantoonni waldaa maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiin isaaniif kakatanii turaniitiif isaan hin tuqne. Waldaan sun guutuunis hooggantootatti guungume;
JOS 9:19 hooggantoonni hundi garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isaanii kakanneerra; kanaafuu nu amma isaan tuquu hin dandeenyu.
JOS 9:20 Wanni nu isaan goonu kana: Akka kakuu isaanii kakanne sana cabsinee dheekkamsi nurra hin buuneef akka isaan jiraataniif ittuma dhiifna.”
JOS 9:21 Hooggantoonni sunis ittuma fufanii, “Jarri haa jiraatan; garuu guutummaa sabaatiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban haa taʼan” jedhan. Akkasiinis kakuun hooggantoonni isaaniif galan sun ni eegame.
JOS 9:22 Iyyaasuunis Gibeʼoonota ofitti waamee akkana jedheen; “Isin maaliif utuma nutti dhiʼoo jiraattanuu, ‘Nu biyya isin irraa fagoo taʼe keessa jiraanna’ jettanii nu gowwoomsitan?
JOS 9:23 Isin amma abaarsa jala jirtu; tokkoon keessan iyyuu mana Waaqa kootiif muka muruu fi bishaan waraabuu jalaa hin baatan.”
JOS 9:24 Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Akka Waaqayyo Waaqni kee akka Museen biyyaattii guutuu isinii kennuu fi akka inni warra achi jiraatan hunda fuula keessan duraa balleesuuf garbicha isaa Musee ajaje nu garboota keetti dhugumaan himameera. Kanaafuu nu sababii keessaniif jennee lubbuu keenyaaf sodaanne; wanni nu waan kana gooneefis kanuma.
JOS 9:25 Nu kunoo amma harka kee keessa jirra. Atis waan gaarii fi qajeelaa seete hundumaa nurratti raawwadhu.”
JOS 9:26 Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼeloota duraa isaan baase; Israaʼeloonnis isaan hin ajjeefne.
JOS 9:27 Innis guyyuma sana Gibeʼoonota sana saba hundaaf, akkasumas iddoo Waaqayyo filatutti iddoo aarsaa Waaqayyootiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban isaan godhe. Isaanis hamma harʼaatti kanuma hojjetu.
JOS 10:1 Adoonii-Zedeq Mootiin Yerusaalem akka Iyyaasuun Aayin qabatee guutumaan guutuutti barbadeesse, akka inni akkuma Yerikoo fi mootii ishee godhe sana Aayii fi Mootii ishee godhe, akkasumas akka namoonni Gibeʼoon Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa godhatanii isaan bira jiraatan dhagaʼe.
JOS 10:2 Sababii magaalaan Gibeʼoon akkuma magaalaa moototaa tokkootti magaalaa hangafa taateef innii fi namoonni isaa akka malee rifatan; magaalaan Gibeʼoon magaalaa Aayi caalaa guddoo turte; namoonni ishees loltoota jajjaboo turan.
JOS 10:3 Kanaafuu Adoonii-Zedeq mootichi Yerusaalem sun Hoohaam mooticha Kebroonitti, Phiraam mooticha Yarmuutitti, Yaafiiyaa mooticha Laakkiishii fi Debiir mooticha Egloonitti ergee,
JOS 10:4 “Sababii isheen Iyyaasuu fi Israaʼel wajjin walii galtee nagaa godhatteef ol kottaatii Gibeʼoonin waraanuu na gargaaraa” jedheen.
JOS 10:5 Kanaafuu mootonni Amoorotaa shananuu jechuunis mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yarmuut, mootiin Laakkiishii fi mootiin Egloon humna waraanaa walitti dabalatan. Isaanis loltoota isaanii hunda fudhatanii ol baʼanii Gibeʼoonin marsanii waraanan.
JOS 10:6 Namoonni Gibeʼoonis qubata Gilgaal gara Iyyaasuutti ergaa erganii akkana jedhaniin; “Ati garboota kee hin dhiisin. Dafii nu qaqqabiitii nu oolchi; sababii mootonni Amoorotaa kanneen biyya gaaraa keessa jiraatan hundi nu waraanuuf loltoota walitti dabalataniif nu gargaari.”
JOS 10:7 Kanaafuu Iyyaasuun loltoota isaa hunda wajjin, namoota waraanaa jajjabeeyyii hundas dabalatee Gilgaalii ol baʼe.
JOS 10:8 Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Isaan hin sodaatin; ani harka keetti dabarsee isaan kenneera. Tokkoon isaanii iyyuu fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan” jedhe.
JOS 10:9 Kanaafuu Iyyaasuun Gilgaalii baʼee halkan guutuu deemaa bulee tasuma isaanitti dhufe.
JOS 10:10 Waaqayyos fuula Israaʼelootaa duratti isaan burjaajesse; Israaʼeloonnis Gibeʼoonitti moʼannaa guddaadhaan isaan moʼatan. Karaa Beet Horoonitti geessu irra isaan ariʼaa hamma Azeeqaa fi Maqeedaatti isaan gogorraʼan.
JOS 10:11 Utuma isaan Israaʼeloota duraa karaa Beet Horooniin gara Azeeqaatti gad baqachaa jiranuu Waaqayyo samiidhaa cabbii gurguddaa itti roobse; warra goraadee Israaʼelootaatiin dhuman caalaa kanneen cabbii kanaan dhumanitu baayʼata.
JOS 10:12 Gaafa Waaqayyo Amoorota dabarsee Israaʼelootatti kenne sana Iyyaasuun fuula Israaʼelootaa duratti Waaqayyoon akkana jedhe: “Yaa aduu, Gibeʼoon gubbaa dhaabadhu; yaa jiʼa, atis Sulula Ayaaloon gubbaa dhaabadhu.”
JOS 10:13 Kanaafuu hamma sabni diinota isaa haaloo baafatutti aduun idduma jirtu dhaabatte; jiʼis ni dhaabate; wanni kun Kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera mitii? Aduun walakkaa samii keessa dhaabattee guyyaa tokko guutuu utuu hin dhiʼin turte.
JOS 10:14 Guyyaan Waaqayyo nama dhagaʼe kan akkasii gaafasiin dura yookaan ergasii takkumaa taʼee hin beeku. Waaqayyo dhugumaan Israaʼeliif lolaa ture!
JOS 10:15 Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin qubata Gilgaal jiru sanatti deebiʼe.
JOS 10:16 Mootonni shanan sun baqatanii holqa Maqeedaa keessatti dhokatanii turan.
JOS 10:17 Akka mootonni shanan holqa Maqeedaa keessatti dhokatan Iyyaasuutti himame;
JOS 10:18 innis akkana jedhe; “Dhagaa guddaa isaa afaan holqa sanaatti gangalchaatii akka isaan eeganiif namoota achitti ramadaa.
JOS 10:19 Isin diinota keessan ariʼaatii karaa dugda duubaatiin rukutaa malee hin dhaabatinaa! Sababii Waaqayyo Waaqni keessan dabarsee harka keessanitti isaan kenneef akka isaan magaalaawwan isaanii seenan hin godhinaa.”
JOS 10:20 Kanaafuu Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hamma namni muraasni hafutti guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Warri hafan immoo magaalaawwan isaanii kanneen jajjabeeffamanii ijaaramanitti galan.
JOS 10:21 Loltoonni hundi nagumaan gara qubata Maqeedaa gara Iyyaasuutti deebiʼan; namni tokko iyyuu afaan isaa Israaʼelootatti hin bananne.
JOS 10:22 Iyyaasuunis, “Mee afaan holqa sanaa banaatii mootota shanan sana gad naa baasaa” jedhe.
JOS 10:23 Isaanis mootota shanan sana jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yarmuut, mootii Laakkiishii fi mootii Egloon holqa keessaa baasanii fidan.
JOS 10:24 Yommuu isaan mootota kana shanan Iyyaasuutti fidan, inni namoota Israaʼel hunda walitti waamee ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin dhufaniin, “Kottaatii miilla keessaniin morma mootota kanneenii irra ejjadhaa” jedhe. Isaanis gara fuula duraatti baʼanii miilla isaaniitiin morma mootota sanaa irra ejjetan.
JOS 10:25 Iyyaasuun, “Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Jabaadhaa; cimaas. Wanni Waaqayyo diinota isin loluuf deemtan hunda irratti godhuuf jirus kanuma” jedheen.
JOS 10:26 Iyyaasuun ergasii mootota sana dhaʼee ajjeesee mukkeen shan irratti isaan fannise; isaanis hamma lafti galgalooftutti akkuma muka irratti fannifamanitti turan.
JOS 10:27 Yeroo aduun dhiitetti Iyyaasuun ajaja kenne; jarris mukkeen irraa gad isaan buusanii holqa isaan keessa dhokatanii turan sanatti isaan daddarbatan. Afaan holqa sanaa irras dhagaa gurguddaa hamma guyyaa harʼaatti illee achuma jiru naqan.
JOS 10:28 Iyyaasuunis guyyuma sana Maqeedaa qabate. Innis magaalaa sanaa fi mootii ishee goraadeedhaan dhaʼee nama achi keessa jiru hunda fixe. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Mootii Maqeedaas akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
JOS 10:29 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Maqeedaadhaa baʼanii dhaqanii Libnaa lolan.
JOS 10:30 Waaqayyos magaalaa sanaa fi mootii ishee dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne. Iyyaasuun magaalattii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixe. Inni nama tokko illee achitti hin hambifne. Mootii ishee illee akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
JOS 10:31 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin Libnaadhaa kaʼanii Laakkiish dhaqan; isaanis magaalaa sana marsanii waraanan.
JOS 10:32 Waaqayyos Laakkiish dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne; Iyyaasuunis guyyaa lammaffaatti ishee qabate. Akkuma Libnaa godhe sana magaalaa sanaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixe.
JOS 10:33 Yeroo sanatti Hooraam mootichi Geezir, Laakkiish gargaaruudhaaf dhufee ture; Iyyaasuun garuu isaa fi loltoota isaa ni moʼate; namni tokko iyyuu hin hafne.
JOS 10:34 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Laakkiishii kaʼanii gara Egloon dhaqan; marsaniis ishee waraanan.
JOS 10:35 Guyyuma sana ishee qabatanii akkuma Laakkiish godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan.
JOS 10:36 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundis isa wajjin Egloonii kaʼanii gara Kebroonitti ol baʼanii ishee waraanan.
JOS 10:37 Isaanis magaalattii qabatanii mootii ishee, gandoota isheetii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Egloon godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
JOS 10:38 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin of irra deebiʼanii Debiirin dhaʼan.
JOS 10:39 Isaanis magaalattii, mootii isheetii fi gandoota ishee qabatanii goraadeedhaan fixan. Namoota ishee keessa jiraatan hundas guutumaan guutuutti fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Libnaa, mootii isheetii fi Kebroon godhan sana Debiirii fi mootii ishee godhan.
JOS 10:40 Iyyaasuunis akkasiin guutummaa biyya sanaa, biyya gaaraa, Negeebi, biyya gammoojjii, tabbawwan tulluutii fi mootota isaanii hundas moʼate. Inni akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel ajajetti waan hafuura baafatu hunda guutumaan guutuutti balleesse malee nama tokko illee hin hambifne.
JOS 10:41 Iyyaasuun Qaadesh Barnee irraa jalqabee hamma Gaazaatti, guutummaa biyya Gooshen hamma Gibeʼoonitti qabate.
JOS 10:42 Sababii Waaqayyo Waaqni Israaʼel Israaʼeliif loleef Iyyaasuun mootota kanneenii fi lafa isaanii loluma tokkoon moʼate.
JOS 10:43 Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin gara qubata Gilgaalitti deebiʼe.
JOS 11:1 Yaabiin mootichi Haazoor waan kana dhageenyaan Yoobaab mooticha Maadoonitti, mootota Shimroonii fi Akshaafitti ergaa ergate;
JOS 11:2 akkasumas mootota kaabaa kanneen tulluuwwan irra jiraatanitti, kanneen gama kibba Kinereetiin Arabbaa keessa jiraatanitti, kanneen gama dhiʼa biiftuutiin lafa gammoojjiitii fi Door keessa jiraatanitti ergaa ergate;
JOS 11:3 Kanaʼaanota gama baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutiin jiraatanitti, Amoorotatti, Heetotatti, Feerzotaatti Yebuusota biyya gaaraa keessa jiraatanittii fi mootota Hiiwotaa kanneen Gaara Hermoon jala biyya Miisphaa keessa jiraatanitti ergaa ergate.
JOS 11:4 Isaanis tuuta loltoota isaanii hunda, fardeenii fi gaariiwwan lolaa baayʼee jechuunis humna waraanaa guddaa kan akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu qabatanii dhufan.
JOS 11:5 Mootonni kunneen hundi loltoota isaanii walitti makatanii Israaʼeloota waraanuuf Bishaanota Meeroon cina qubatan.
JOS 11:6 Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Sababii ani bor yeroo kanatti reeffa isaanii hunda dabarsee Israaʼelootatti kennuuf hin sodaatin. Ati hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaaniis gubuu qabda.”
JOS 11:7 Kanaafuu Iyyaasuu fi loltoonni isaa hundi tasuma bishaan Meeroon biratti isaanitti dhufanii isaan dhaʼan;
JOS 11:8 Waaqayyos dabarsee harka Israaʼelootaatti isaan kenne. Isaanis jara moʼatanii hamma Siidoonaa Guddootti, hamma Misrefooti Maayimiitti, hamma Sulula Miisphaa kan gama baʼa biiftuutti isaan ariʼan; hamma namni hundi dhumuttis isaan dhaʼan.
JOS 11:9 Iyyaasuunis akkuma Waaqayyo ajaje sana isaan godhe; innis hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaanii kan lolaa gube.
JOS 11:10 Yeroo sanatti Iyyaasuun of irra deebiʼee Asoor qabatee mootii ishee goraadeedhaan ajjeese. Haazooris magaalaa guddittii mootummoota kanneen hundumaa turte.
JOS 11:11 Isaanis nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Waan hafuura baafatu tokko illee utuu hin hambisin guutumaan guutuutti balleessan; Iyyaasuun Haazoorinis ni gube.
JOS 11:12 Iyyaasuun magaalaawwan moototaa hundaa fi mootota isaanii illee qabatee goraadeedhaan fixe. Innis akkuma garbichi Waaqayyoo Museen ajajetti guutumaan guutuutti isaan balleesse.
JOS 11:13 Taʼus Israaʼeloonni magaalaa Haazoor ishee Iyyaasuun gube sana malee magaalaawwan tabba irratti ijaaraman tokko illee hin gubne.
JOS 11:14 Israaʼeloonni boojuu fi horii magaalaa sanaa hunda ofii isaaniitiif fudhatan; namoota hunda garuu guutumaan guutuutti goraadeedhaan fixan; nama hafuura baafatu tokko illee hin hambifne.
JOS 11:15 Akkuma Waaqayyo garbicha isaa Musee ajaje sana Museenis akkasuma Iyyaasuu ajaje; Iyyaasuunis akkasuma godhe; inni waan Waaqayyo Musee ajaje keessaa waan tokko illee utuu hin hojjetin hin hambifne.
JOS 11:16 Iyyaasuun akkasiin guutummaa biyya sanaa qabate; kunis biyya gaaraa, Negeeb hunda, guutummaa Gooshen, gammoojjii gama lixa aduu, Arabbaa fi gaarran Israaʼel gammoojjii isaanii wajjin,
JOS 11:17 Tulluu Halaaq kan gaara Seeʼiiritti ol kaʼuu jalqabanii hamma Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jala hamma sulula Libaanoonitti jiru boojiʼe. Innis mootota isaanii hunda gogorraʼee ajjeese.
JOS 11:18 Iyyaasuunis bara dheeraa mootota kanneen hundatti waraana banaa ture.
JOS 11:19 Hiiwota Gibeʼoon keessa jiraatan malee magaalaan tokko iyyuu Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa hin godhanne; Israaʼeloonni magaalaawwan hunda waraananii qabatan.
JOS 11:20 Akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti gara laafina tokko malee isaan barbadeessuudhaan guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaaf jedhee akka isaan Israaʼelootatti waraana bananiif kan garaa isaanii jabeesse Waaqayyo mataa isaa ti.
JOS 11:21 Iyyaasuun yeroo sanatti dhaqee biyya gaaraa keessaa jechuunis Kebroon, Debiirii fi Aanaab, akkasumas biyya gaaraa Yihuudaatii fi biyya gaaraa Israaʼel hunda keessaa Anaaqota barbadeesse. Iyyaasuun isaanii fi magaalaawwan isaaniis guutumaan guutuutti barbadeesse.
JOS 11:22 Gaazaa, Gaatii fi Ashdoodi malee kutaan biyya Israaʼel kan Anaaqonni keessatti hafan tokko iyyuu hin turre.
JOS 11:23 Kanaafuu Iyyaasuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti biyya guutuu qabatee akkuma mana gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne. Biyyattiinis akkasiin waraana irraa boqonnaa argatte.
JOS 12:1 Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:
JOS 12:2 Sihoon mootiin Amoorotaa, Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata.
JOS 12:3 Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.
JOS 12:4 Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.
JOS 12:5 Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.
JOS 12:6 Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.
JOS 12:7 Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha.
JOS 12:8 Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti.
JOS 12:9 Mootii Yerikoo, tokko mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko
JOS 12:10 mootii Yerusaalem, tokko mootii Kebroon, tokko
JOS 12:11 mootii Yarmuut, tokko mootii Laakkiish, tokko
JOS 12:12 mootii Egloon, tokko mootii Geezir, tokko
JOS 12:13 mooticha Debiir, tokko mootii Gaadeer, tokko
JOS 12:14 mootii Hormaa, tokko mootii Aaraad, tokko
JOS 12:15 mootii Libnaa, tokko mootii Adulaam, tokko
JOS 12:16 mootii Maqeedaa, tokko mootii Beetʼeel, tokko
JOS 12:17 mootii Tafuuʼaa, tokko mootii Heefer, tokko
JOS 12:18 mootii Afeeq, tokko mooticha Lashaaroon, tokko
JOS 12:19 mootii Maadoon, tokko mootii Haazoor, tokko
JOS 12:20 mootii Shimroon Meroon, tokko mootii Akshaaf, tokko
JOS 12:21 mootii Taʼanaak, tokko mootii Megidoo, tokko
JOS 12:22 mootii Qaadesh, tokko mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko
JOS 12:23 mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko
JOS 12:24 mootii Tiirzaa, tokko.
JOS 13:1 Waaqayyos yeroo Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloometti akkana jedheen; “Ati amma akka malee dulloomteerta; garuu amma iyyuu lafti dhaalamuu qabu baayʼeetu jira.
JOS 13:2 “Lafti hafe sunis kanaa dha: “guutummaa biyya Filisxeemotaatii fi Geshuurotaa,
JOS 13:3 karaa baʼa Gibxiitiin laga Shihoorii hamma kaaba daarii Ashqaloonitti jiru hundi akka biyya Kanaʼaanotaatti hedama. Kunis biyya Awootaa kan kutaa biyyoota bulchitoota Filisxeemotaa shanan jechuunis Gaazaa, Ashdood, Eqroon, Gitii fi Eqroon;
JOS 13:4 karaa kibbaatiin immoo guutummaa biyya Kanaʼaanotaa, Meʼaaraa Siidoonaatii hamma Afeeqiitti biyya Amoorotaa
JOS 13:5 kan biyya Gebaalotaa ti; akkasumas karaa baʼaatiin guutummaa Libaanoon, Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jalaa hamma Leeboo Hamaatitti.
JOS 13:6 “Ani mataan koo jiraattota biyya gaaraa kanneen Libaanoonii hamma Misrefooti Maayimiitti jiraatan jechuunis Siidoonota hunda fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee nan baasa. Ati akkuma ani si ajajetti biyya kana akka dhaalaatti Israaʼelootaaf hiri;
JOS 13:7 kanas gosoota sagallanii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhii hiri.”
JOS 13:8 Walakkaan gosa Minaasee kaan, gosti Ruubeenii fi gosti Gaad biyya Yordaanosiin gama baʼaa kan Museen garbichi Waaqayyoo isaaniif kennee ture sana akkuma inni isaaniif qoodetti fudhatan.
JOS 13:9 Biyyi sunis Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnooniitti, argamtuu fi magaalaa walakkaa sulula sanaa keessaatii jalqabee dirree Meedebaan dabalatee hamma Diibooniitti diriira;
JOS 13:10 akkasumas magaalaawwan Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanaa hunda dabalatee hamma daarii Amoonotaatti diriira ture.
JOS 13:11 Kana malees Giliʼaad, biyya Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaa, guutummaa Tulluu Hermoonii fi guutummaa Baashaan hamma Salkaatti
JOS 13:12 jechuunis guutummaa mootummaa Oogi kan Baashaan keessaa isa Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture kan sanyii Refaayimootaa keessaa isa dhumaa taʼe sanaatti diriira. Museenis isaan moʼatee biyya isaanii fudhate.
JOS 13:13 Garuu sababii Israaʼeloonni ariʼanii isaan hin baasiniif Geshuuronnii fi Maʼakaatonni hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatu.
JOS 13:14 Gosa Lewwiitiif garuu inni dhaala tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti aarsaan ibiddaan Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif dhiʼeeffamu dhaala isaaniitii.
JOS 13:15 Wanni Museen gosa Ruubeeniif, balbala balbalaan kenne kanaa dha:
JOS 13:16 Biyya Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoon, magaalattii walakkaa sululaatii jalqabee dirree Meedebaa bira jiru hunda
JOS 13:17 hamma Heshboonii fi magaalaawwan ishee kanneen dirree irra jiran hunda jechuunis Diiboon, Baamooti Baʼaal, Beet Baʼaal Meʼoon,
JOS 13:18 Yaahizaa, Qidemoot, Meefiʼaat,
JOS 13:19 Kiriyaataayim, Sibimaa, Zeret Shahari ishee gaara sululaa irratti argamtu,
JOS 13:20 Beet Pheʼoor, tabba Phisgaatii fi Beet Yashiimoot
JOS 13:21 jechuunis magaalaawwan dirree irraa hundumaa fi guutummaa mootummaa Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraatee bulchaa ture hundaa ti. Museenis Sihoonii fi bulchitoota Midiyaanotaa kanneen Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaa moʼate; isaanis Sihooniin walii galanii biyya sana keessa jiraachaa turan.
JOS 13:22 Israaʼeloonni warra lola keessatti ajjeefaman irratti dabalanii Balaʼaam ilma Beʼoor falfalticha sanas goraadeedhaan ajjeesan.
JOS 13:23 Daangaan Ruubeenotaa qarqara laga Yordaanos ture. Magaalaawwan kanneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Ruubeen.
JOS 13:24 Wanni Museen gosa Gaadiitiif balbala balbalaan kenne kanaa dha:
JOS 13:25 Daangaan isaaniis Yaʼizeer, magaalaawwan Giliʼaad hundumaa fi walakkaa biyya Amoonotaa kan hamma Aroʼeeritti diriiree gara baʼa Rabbaatti argamuu dha;
JOS 13:26 akkasuma Heshboonii jalqabee hamma Raamaatitti Miisphaa fi Betooniimitti, Mahanayiimii jalqabee hamma daangaa Debiiritti diriiruu dha;
JOS 13:27 amma illee sulula keessa, Beet Haaraam, Beet Niimraa, Sukooti, Zaafoonii fi biyya Sihoon mootichi Heshboon bulchu kan gara baʼa Yordaanos kan hamma dhuma Galaana Kinereetitti diriiree jiru sanaa dha.
JOS 13:28 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Gaad.
JOS 13:29 Wanni Museen walakkaa gosa Minaaseetiif jechuunis walakkaa maatii sanyii Minaaseetiif balbala balbalaan kenne kanaa dha:
JOS 13:30 Daangaa biyya Mahanayiimiitii jalqabee biyya Baashaan guutuu dabalatee naannoo bulchiinsa Oogi mooticha Baashaan jechuunis qubata Yaaʼiir kan Baashaan keessaa magaalaa jaatama,
JOS 13:31 walakkaa biyya Giliʼaad, Ashtaarotii fi Edreyii, magaalaa Oogi mootichi Baashaan jiraatuutti diriira.
JOS 13:32 Kun dhaala Museen yeroo Yordaanos gama jechuunis gama baʼa Yerikoo dirree Moʼaab keessa ture sanatti qoodee dha.
JOS 13:33 Gosa Lewwiitiif garuu Museen waan tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti Waaqayyo Waaqni Israaʼel dhaala isaanii ti.
JOS 14:1 Lafti Israaʼeloonni biyya Kanaʼaan keessatti akka dhaalaatti argatan kan Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni balbala gosoota Israaʼel isaaniif qoodan kanaa dha.
JOS 14:2 Dhaalli isaanii kunis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti ixaadhaan gosa sagalii fi walakkaa gosa tokkootiif kenname.
JOS 14:3 Museen karaa baʼa Yordaanosiin gosoota lamaanii fi walakkaaf dhaala godhee kennee ture; gosa Lewwiitiif garuu warra kaan gidduutti dhaala tokko illee hin kennine;
JOS 14:4 ilmaan Yoosef gosa lama taʼanii turaniitii; isaanis Minaasee fi Efreem. Lewwonni garuu magaalaawwan keessa jiraatan, bushaayee fi loon isaanii bobbaafatan malee qooda lafaa tokko illee hin arganne.
JOS 14:5 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajajetti biyya sana hiratan.
JOS 14:6 Ergasiis namoonni Yihuudaa Gilgaalitti gara Iyyaasuu dhufan; Kaaleb ilmi Yefunee namichi gosa Qeneez sun akkana jedheen; “Ati waan Waaqayyo Qaadesh Barnee keessatti waaʼee keetii fi waaʼee koo Musee nama Waaqaa sanatti dubbate ni beekta.
JOS 14:7 Yeroo Museen garbichi Waaqayyoo sun akka ani biyyattii basaasuuf Qaadesh Barneetii na erge umuriin koo waggaa afurtama ture. Anis gabaasa waan mirkaneeffadhe sanaa nan fideef;
JOS 14:8 obboloonni koo warri na wajjin achi dhaqan garuu akka onneen sabaa sodaadhaan baqxu godhan. Taʼus ani garaa koo guutuudhaan Waaqayyo Waaqa koo duukaa buʼe.
JOS 14:9 Kanaafuu Museen gaafas akkana jedhee naa kakate; ‘Sababii ati garaa kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa koo duukaa buuteef, lafti miilli kee tuqe sun hamma bara baraatti dhaala keetii fi dhaala ilmaan keetii taʼa.’
JOS 14:10 “Egaa Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Museedhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera!
JOS 14:11 Ani harʼas akkuma gaafa Museen na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha.
JOS 14:12 Egaa amma biyya gaaraa kan Waaqayyo gaafa sana waadaa naa gale kana naa kenni. Ati mataan kee iyyuu akka Anaaqonni achi keessa jiraatan, akka magaalaawwan isaanii gurguddaa taʼanii fi dallaa jabaan marfaman gaafas dhageesseerta; yoo Waaqayyo na gargaare garuu ani akkuma Waaqayyo jedhe sanatti ariʼee isaan baasa.”
JOS 14:13 Iyyaasuunis Kaaleb ilma Yefunee eebbisee Kebroonin dhaala godhee kenneef.
JOS 14:14 Kanaafuu sababii inni garaa isaa guutuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel duukaa buʼeef Kebroon hamma harʼaatti iyyuu dhaala Kaaleb ilma Yefunee namicha gosa Qeneez sanaa taatee hafte.
JOS 14:15 Kebroon duraan maqaa namicha Arbaaq jedhamu kan Anaaqota hunda keessaa nama guddaa ture tokkootiin Kiriyaati Arbaaq jedhamtee waamamaa turte. Ergasiis biyyattiin waraana irraa boqotte.
JOS 15:1 Qoodni gosa Yihuudaatiif balbala balbalaan ramadame hamma daarii Edoomitti, qarqara kibbaatiin immoo hamma Gammoojjii Siinitti balʼata.
JOS 15:2 Daariin isaanii karaa kibbaa galoo galaanaa qarqara kibba Galaana soogiddaattii jalqabee
JOS 15:3 kibba Malkaa Aqrabiim qaxxaamuree gara Siin itti fufee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis Hezroon darbee Adaaritti ol baʼee gara Qarqaatti gora.
JOS 15:4 Ergasii immoo achii kaʼee karaa Azimooniin darbee hamma lafa goggogaa Gibxiitti dhufee galaana gaʼee dhaabata. Daariin isaanii kan gara kibbaa kanaa dha.
JOS 15:5 Daariin gara baʼaas Galaana Soogiddaa ture; innis hamma dhuma laga Yordaanositti deema. Daariin gara kaabaa immoo galoo galaanaa kan qarqara Yordaanosii jalqabee
JOS 15:6 gara Beet Hoglaatti ol baʼee ergasii immoo karaa kaaba Beet Arabbaatiin gara Dhagaa Boohan ilma Ruubeenitti deema.
JOS 15:7 Daariin sunis ergasii Sulula Aakoor keessaa Debiiritti ol baʼee gara Gilgaal gama kibba laga sanaatiin fuullee Malkaa Adumiim sanaa kaabatti gora. Daariin kun ittuma fufee gara bishaanota Een Shemeshi darbee Een Roogeelitti gad baʼa.
JOS 15:8 Ergasiis karaa kibba tabba magaalaa Yebuusotaatiin jechuunis Yerusaalemitiin baʼee Sulula Ben Hinoom irraan darba. Achiis baʼee qarqara kaaba Sulula Refaayimitti fiixee tulluu gama lixa Sulula Hinoom jirutti ol baʼe.
JOS 15:9 Daariin sun ammas fiixee gaaraa irraa kaʼee gara burqaa bishaanota Neftooʼaatti qajeelee magaalaawwan Tulluu Efrooniin baʼee gara Baʼaalaatti jechuunis Kiriyaati Yeʼaariimitti gad buʼe.
JOS 15:10 Ergasii Baʼaalaa irraa Tulluu Seeʼiiriitti gara lixaatti garagalee tabba kaaba Tulluu Yiʼaariim jechuunis Kesaaloon irra baʼee itti fufuudhaan Beet Shemeshitti gad buʼee Tiimnaahitti darba.
JOS 15:11 Gara kaaba tabba Eqroonitti darbee Shikeroonitti goree Tulluu Baʼaalaa irra qaxxaamuruudhaan hamma Yabniʼeelitti deema. Daariin sunis galaana gaʼee dhaabate.
JOS 15:12 Daariin gara lixaa immoo qarqara Galaana Guddaa ti.
JOS 15:13 Iyyaasuun akkuma Waaqayyo isa ajajetti, qooda Yihuudaa irraa kutee Kebroon biyya Kiriyaati Arbaaq jedhamtu sana Kaaleb ilma Yefuneetiif kenne. Arbaaq kunis abbaa Anaaq.
JOS 15:14 Kaalebis ilmaan Anaaq sadan jechuunis Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayi sanyii Anaaq ariʼee achii baase.
JOS 15:15 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duule.
JOS 15:16 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe.
JOS 15:17 Obboleessi Kaaleb, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
JOS 15:18 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
JOS 15:19 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
JOS 15:20 Dhaalli gosti Yihuudaa balbala balbalaan argate kunoo kana:
JOS 15:21 Negeeb keessaa magaalaawwan gosa Yihuudaa kanneen qarqara kibbaatti daarii Edoom irratti argaman kanneenii dha: Qabziʼeel, Eederi, Yaaguur,
JOS 15:22 Qiinaa, Diimonaa, Adiʼaadaa,
JOS 15:23 Qaadesh, Haazoor, Yitinaan,
JOS 15:24 Ziif, Telem, Baʼaalooti,
JOS 15:25 Haazoor Hadaataa, Keriiyooti kan Hezroon jedhamtu sana,
JOS 15:26 Amaam, Shemaa, Molaadaa,
JOS 15:27 Hazar Gadaa, Heshmoon, Beet Phelexi,
JOS 15:28 Hazar Shuuʼaal, Bersheebaa, Biziyootiyaa,
JOS 15:29 Baʼaalaa, Iyyiim, Ezem,
JOS 15:30 Eltolaad, Kisiil, Hormaa,
JOS 15:31 Siiqlaag, Madmaanaa, Saansaanaa,
JOS 15:32 Lebaaʼoot, Shiiliihiim, Aayinii fi Rimoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii walumaa galatti digdamii sagal turan.
JOS 15:33 Karaa sulula lixa biiftuutiin immoo: Eshitaaʼol, Zoraa, Ashinaa,
JOS 15:34 Zaanoʼaa, Een Ganiim, Tafuuʼaa, Eenaami,
JOS 15:35 Yarmuuti, Adulaam, Sookoo, Azeeqaa,
JOS 15:36 Shaʼarayiim, Aaditaayim, Gedeeraa fi Gedeerootaayimii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan.
JOS 15:37 Zenaan, Hadaashaa, Migdaal Gaad,
JOS 15:38 Diliʼaan, Miisphaa, Yoqtiʼeel,
JOS 15:39 Laakkiish, Boozqaati, Egloon,
JOS 15:40 Kaboon, Lahimaas, Kiitiliish,
JOS 15:41 Gedeerooti, Beet Daagon, Naʼamaa fi Maqeedaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha jaʼa turan.
JOS 15:42 Libnaa, Eteeri, Ashaan,
JOS 15:43 Yiftaa, Ashinaa, Neziibi,
JOS 15:44 Qeyiilaa, Akziibii fi Maareeshaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
JOS 15:45 Eqroon, qubatawwanii fi gandoota naannoo ishee jiran wajjin,
JOS 15:46 akkasumas karaa lixa Eqrooniitiin qubatawwanii fi gandoota isaanii kanneen naannoo Ashdood jiran hunda,
JOS 15:47 Ashdood, magaalaa isheetii fi gandoota ishee, Gaazaa, magaalaa isheetii fi gandoota ishee kanneen hamma Laga Gibxii fi hamma qarqara Galaana Guddichaatti jiranii dha.
JOS 15:48 Biyya gaaraa keessatti immoo: Shaamiir, Yatiir, Sookoo,
JOS 15:49 Danaa, Kiriyaati Sanaa jechuunis Debiir,
JOS 15:50 Aanaab, Eshitmoʼaa, Aaniim,
JOS 15:51 Gooshen, hooloonii fi Giiloo dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha tokko turan.
JOS 15:52 Araab, Duumaa, Eshiʼaan,
JOS 15:53 Yaanuum, Beet Tafuuʼaa, Afeeqaa,
JOS 15:54 Humtaa, Kebroon ishee Kiriyaati Arbaaq jedhamtuu fi Ziiʼoorii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
JOS 15:55 Maaʼoon, Qarmeloos, Ziif, Yutaa,
JOS 15:56 Yizriʼeel, Yooqidiʼaam, Zaanoʼaa,
JOS 15:57 Qaayin, Gibeʼaa fi Tiimnaahii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudhan turan.
JOS 15:58 Halhuul, Beet Zuuri, Gedoor,
JOS 15:59 Maʼaaraati, Beet Anootii fi Elteqoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
JOS 15:60 Kiriyaati Baʼaal kan Kiriyaati Yeʼaariim jedhamtuu fi Raabbaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni ishee lama turan.
JOS 15:61 Gammoojjii keessatti immoo: Beet Arabbaa, Midiin, Sekaakaa,
JOS 15:62 Niibishaan, Magaalaa Soogiddaatii fi Een Gaadii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
JOS 15:63 Sabni Yihuudaa garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana ariʼanii baasuu hin dandeenye; Yebuusonnis hamma harʼaatti saba Yihuudaa wajjin Yerusaalem keessa jiraatu.
JOS 16:1 Qoodni Yoosef Yordaanos Yerikoo biratti argamtu, karaa baʼa bishaanota Yerikootii kaʼee gammoojjii keessa qaxxaamuree biyya gaaraa Beetʼeelitti ol baʼa.
JOS 16:2 Luuzi ishee Beetʼeel jedhamtu sanaa kaʼee gara biyya Arkaawotaa kan Axaaroti keessatti argamtu sanaatti ceʼa.
JOS 16:3 Achii immoo gara lixaa biyya Yafleexotaatti gad buʼee Beet Horoon gaʼee gara Geezir itti fufee galaanicha gaʼee dhaabata.
JOS 16:4 Akkasitti Minaasee fi Efreem, ilmaan Yoosef dhaala isaanii argatan.
JOS 16:5 Qoodni gosti Efreem balbala balbalaan argatte kunoo kana: Daariin dhaala isaanii gara baʼaatiin Axaaroti Adaarii kaʼee hamma Beet Horoon gara Ol aanuutti deemee
JOS 16:6 hamma galaanaatti itti fufa. Karaa kaabaatiin Mikmetaatii kaʼee karaa baʼaatiin gara Taanaat Shiiloo goree achiin darbee baʼa Yaanoʼaatti qajeela.
JOS 16:7 Ergasii immoo Yaanoʼaadhaa kaʼee Axaarotii fi Naʼaraatti gad buʼee Yerikoo irra naannaʼee Yordaanositti gad baʼa.
JOS 16:8 Daariin sun Tafuuʼaadhaa kaʼee gama Lixaatiin Laga Qaanaatti gad buʼee galaana gaʼee dhaabata. Dhaalli gosti Efreem balbala balbalaan argatte kanaa dha.
JOS 16:9 Daariin kun magaalaawwanii fi olloota isaanii kanneen dhaala gosa Minaasee keessatti gosa Efreemiif hambifaman hundas ni dabalata.
JOS 16:10 Isaan Kanaʼaanota Geezir keessa jiraachaa turan sana ariʼanii achii hin baafne ture; hamma harʼaatti Kanaʼaanonni saba Efreem gidduu jiraatu; garuu akka hojii humnaa hojjetan dirqamu.
JOS 17:1 Gosti Minaasees qooda argatte; inni ilma Yoosef hangafa tureetii. Maakiir ilmi Minaasee hangaftichi abbaan Giliʼaadotaa sun sababii loltuu jabaa taʼeef Giliʼaadii fi Baashaan isaaf kennaman.
JOS 17:2 Kanaafuu qoodni kun saba Minaasee warra hafaniif jechuunis balbala Abiiʼezer, Heleq, Asriiʼeel, Sheekem, Heeferii fi Shemiidaaf kenname. Kunneenis balbala balbala isaaniitiin ilmaan Minaasee ilma Yoosef kanneen biraa ti.
JOS 17:3 Zelofehaad ilmi Heefer, ilmi Giliʼaad, ilma Maakiir, ilmi Minaasee sun intallan malee ilmaan hin qabu ture. Maqaan intallan isaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa.
JOS 17:4 Isaanis gara Eleʼaazaar lubichaa, gara Iyyaasuu ilma Nuunitii fi gara hooggantootaa dhaqanii “Waaqayyo akka inni obboloota keenya gidduutti dhaala nuu kennuuf Musee ajajeera” jedhan. Kanaafuu Iyyaasuun akkuma ajaja Waaqayyootti obboloota abbaa isaanii wajjin dhaala kenneef.
JOS 17:5 Minaaseen Giliʼaadii fi Baashaan keessaa gama baʼa Yordaanositti lafa iddoo kudhanitti hiramu qaba ture.
JOS 17:6 Kunis sababii intallan gosa Minaasee sun ilmaan dhiiraa gidduutti qooda argataniif. Lafti Giliʼaad ilmaan Minaasee kanneen hafaniif kennamte.
JOS 17:7 Daangaan gosa Minaasee Aasheerii kaʼee hamma Mikmetaati kan karaa baʼa Sheekem jirtu sanaatti balʼata. Daangaan sunis achii kaʼee kibbaan gad buʼee saba Een Tafuuʼaa keessa jiraatus dabalata.
JOS 17:8 Biyyi Tafuuʼaa kan Minaasee turte; Tafuuʼaan mataan ishee garuu karaa daangaa Minaaseetiin kan ilmaan Efreem turte.
JOS 17:9 Daangaan sun karaa kibbaatiin ittuma fufee Laga Qaanaa bira gaʼa. Magaalaawwan Efreem kanneen magaalaawwan Minaasee gidduutti argamanitu ture; daangaan Minaasee garuu Kaaba lagichaa irra darbee galaana bira gaʼee dhaabata.
JOS 17:10 Biyyi sun karaa kibbaatiin kan gosa Efreemiiti; karaa kaabaatiin immoo kan gosa Minaasee ti. Biyyi Minaasee hamma galaanaatti deemee karaa kaabaatiin Aasheerin, karaa baʼaatiin immoo Yisaakorin daangeessa.
JOS 17:11 Minaaseenis Yisaakorii fi Aasheer keessaa Beet Sheʼaan, Yibleʼaamii fi saba Door, Eendoor, Taʼanaakii fi Megidoo qubatawwan naannoo isaanii jiran wajjin qaba ture; sadaffaan immoo Naafootii dha.
JOS 17:12 Taʼus sababii Kanaʼaanonni biyya sana jiraachuuf kutatanii turaniif gosti Minaasee magaalaawwan kanneen qabachuu hin dandeenye.
JOS 17:13 Garuu Israaʼeloonni yommuu jabina argachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan malee Kanaʼaanota achii hin baafne.
JOS 17:14 Namoonni Yoosefis Iyyaasuudhaan, “Ati maaliif ixaa tokkoo fi qooda tokko qofa dhaala nuu kennite? Nu saba akka malee baayʼee fi saba Waaqayyo guddisee eebbisee dha” jedhan.
JOS 17:15 Iyyaasuunis, “Yoo isin akka malee baayʼattanii biyyi gaaraa Efreem kun isinitti dhiphatte bosona seenaatii biyya Feerzotaatii fi Refaayimootaa keessatti iddoo jireenyaa qopheeffadhaa” jedhee deebiseef.
JOS 17:16 Namoonni Yoosefis, “Biyyi gaaraa kun nu hin gaʼu; Kanaʼaanonni lafa diriiraa irra jiraatan hundi, warri Beet Sheʼaanii fi qubatawwan ishee akkasumas warri Sulula Yizriʼeel keessa jiraatan hundi gaariiwwan sibiilaa qaban” jedhanii deebisan.
JOS 17:17 Iyyaasuun garuu mana Yoosefiin jechuunis Efreemii fi Minaaseedhaan akkana jedhe; “Isin saba akka malee baayʼee kan humna guddaa qabuu dha. Ixaa tokko qofa hin qabaattan.
JOS 17:18 Biyya gaaraa kan bosonaa garuu ni qabaattu; bosona ciraa; biyyattiinis hamma qarqara daangaa isheetti kanuma keessan taati; Kanaʼaanonni yoo gaariiwwan sibiilaa qabaatanii jajjaboo taʼanis isin ariitanii isaan baasuu dandeessu.”
JOS 18:1 Guutummaan waldaa Israaʼel Shiilootti walitti qabamee dunkaana wal gaʼii achitti dhaabate. Biyyattiin harka isaanii jala galte;
JOS 18:2 taʼus amma illee gosoonni Israaʼel torba dhaala isaanii hin fudhanne ture.
JOS 18:3 Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼelootaan akkana jedhe; “Isin utuu biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isinii kenne kana hin fudhatin hamma yoomiitti turtu?
JOS 18:4 Tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama sadii sadii kennadhaa. Anis akka isaan biyya sana ilaalanii akkuma dhaala gosa hundaatti waaʼee ishee barreessaniif isaan nan erga. Isaanis ergasii gara kootti deebiʼu.
JOS 18:5 Isin biyya sana iddoo torbatti qoodu qabdu. Yihuudaan biyya karaa Kibbaa keessatti hafee manni Yoosef immoo biyya karaa kaabaatti hafuu qaba.
JOS 18:6 Isin erga waaʼee biyya iddoo torbatti qoodamte sanaa barreessitanii booddee gabaasa natti fidaa; anis fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti ixaa isinii buusa.
JOS 18:7 Gosti Lewwii garuu gidduu keessanitti qooda lafaa hin argatu; sababiin isaas tajaajilli lubummaa kan isaan Waaqayyoof kennan sun dhaala isaanii ti. Gosti Gaad, kan Ruubeenii fi walakkaan gosa Minaasee duraanuu karaa baʼa Yordaanosiin qooda isaanii argatanii jiru. Museen garbichi Waaqayyoo sun isaaniif kennee ture.”
JOS 18:8 Kanaafuu jarri karaa isaanii qabatanii qajeelan; Iyyaasuunis warra haala biyyattii barreessuu dhaqaniin akkana jedhe; “Dhaqaatii biyya sana sakattaʼaatii waaʼee ishee galmeessaa. Ergasii immoo gara koo kottaa; anis asuma Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti ixaa isiniif nan buusa.”
JOS 18:9 Kanaafuu namoonni sun kaʼanii biyya sana keessa dedeemanii waaʼee haala ishees magaalaa magaalaadhaan iddoo torbatti qoodanii kitaaba maramaa irratti barreessanii qubata Shiilootti gara Iyyaasuutti deebiʼan.
JOS 18:10 Iyyaasuun ergasii Shiiloo keessatti fuula Waaqayyoo duratti ixaa buuseef; akkuma qooda gosa isaaniittis Israaʼelootaaf biyyattii hire.
JOS 18:11 Ixaan jalqabaa akkuma balbala balbala isaaniitti gosa Beniyaamiif baʼe. Biyyi isaan ixaadhaan argatanis gosa Yihuudaatii fi gosa Yoosef gidduutti argama.
JOS 18:12 Karaa kaabaatiin daariin isaanii Yordaanosii kaʼee kaaba tabba Yerikoo irra darbuudhaan karaa lixaatiin biyya gaaraatti gad buʼee gammoojjii Beet Aawweniitiin baʼa.
JOS 18:13 Achii kaʼee kibba tabba Luuzitti jechuunis Beetʼeelitti darbee gara Axaaroti Adaar kan gaara kibba Beet Horoon isa gadii sanaatti gad buʼa.
JOS 18:14 Daariin sunis karaa kibbaatiin gaara Beet Horoonitti garagalee jiru sanaa kaʼee karaa lixaatiin gara kibbaatti goree magaalaa ilmaan Yihuudaa kan Kiriyaati Baʼaal jechuunis Kiriyaati Yeʼaariim gaʼa. Kunis daangaa lixaa ti.
JOS 18:15 Daangaan kibbaa karaa lixaatiin qarqara Kiriyaati Yeʼaariimiitii jalqaba; daangaan isaa immoo gara bishaan Neftooʼaatti gad buʼa.
JOS 18:16 Daangaan sunis karaa kaaba Sulula Refaayimiitiin gara gaara Sulula Ben Hinoomitti garagalutti gad buʼa. Innis tabba kibba magaalaa Yebuusotaa biraan gara Sulula Hinoomitti itti fufee gara Een Roogeelitti gad buʼa.
JOS 18:17 Ergasii gara kaabaatti goree Een Shemeshi dhaqa; achii kaʼees gara Geliiloot kan Malkaa Adumiimitti gara galtee jirtu sanaa itti fufee hamma Dhagaa Boohan ilma Ruubeen sanaatti gad buʼa.
JOS 18:18 Ammas gara tabba kaaba Arabbaatti itti fufee gara Arabbaatti gad buʼa.
JOS 18:19 Ergasii tabba kaaba Beet Hoglaatti qajeelee karaa kaaba galoo Galaana Soogiddaa kan karaa kibbaatiin afaan Yordaanositti argamtuutiin baʼa. Kun daarii karaa kibbaa ti.
JOS 18:20 Lagni Yordaanosis karaa baʼaatiin daarii taʼa.
JOS 18:21 Magaalaawwan gosti Beniyaam akkuma maatii maatii isaaniitti argatan kanneenii dha: Yerikoo, Beet Hoglaa, Eemeqi Qaziizi,
JOS 18:22 Beet Arabbaa, Zemaaraayim, Beetʼeel,
JOS 18:23 Aawiim, Faaraa, Ofraa,
JOS 18:24 Kefar Aamoonaay, Ofnii fi Gebaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha lama turan.
JOS 18:25 Gibeʼoon, Raamaa, Biʼeerooti,
JOS 18:26 Miisphaa, Kefiiraa, Moozaa,
JOS 18:27 Reqem, Yirphiʼeel, Taraalaa,
JOS 18:28 Zeelaa, Haaʼelef, magaalaa Yebuusotaa jechuunis Yerusaalem,
JOS 19:1 Ixaan lammaffaan gosa Simiʼooniif balbala balbalaan baʼe. Dhaalli isaaniis dhaala gosa Yihuudaa keessatti argama.
JOS 19:2 Kunis: Bersheebaa yookaan Shebaa, Molaadaa,
JOS 19:3 Hazar Shuuʼaal, Baalaa, Ezem,
JOS 19:4 Eltolaad, Betuul, Hormaa,
JOS 19:5 Siiqlaag, Beet Markaabot, Hazar Suusaa,
JOS 19:6 Beet Lebaaʼotii fi Shaaruheen; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha sadii turan;
JOS 19:7 Ayin, Rimoon, Eteerii fi Ashaan, magaalaawwanii fi gandoota isaanii afran,
JOS 19:8 akkasumas gandoota naannoo magaalaawwan kanneenii jiran kanneen hamma
JOS 19:9 Sababii qoodni gosa Yihuudaa hamma isaan barbaadanii ol taʼeef dhaalli gosa Simiʼoon kun qooda gosa Yihuudaa irraa fudhatame. Kanaafuu gosti Simiʼoon Yihuudaa keessatti dhaala argate.
JOS 19:10 Ixaan sadaffaan gosa Zebuulooniif balbala balbalaan baʼe; kunis: Daariin dhaala isaanii hamma Saariiditti deema.
JOS 19:11 Achiis karaa lixaatiin gara Mareʼaalaatti gad buʼee Dabesheetitti riiqatee hamma laga Yoqeniʼaam dura jiru sanaatti deema.
JOS 19:12 Ergasiis Saariid irraa gara Kisloti Taaboor biyya baʼa biiftuutti argamtu sanaatti gara baʼaatti goree Daaberaatitti qajeelee hamma Yaafiiyaatti deema.
JOS 19:13 Achiis karaa baʼaatiin itti fufee Gat Heeferii fi Eetqaaxin dhaqa; Rimooniin gad baʼee gara Neʼaahitti gora.
JOS 19:14 Daariin sunis karaa kaabaatiin gara Hanaatoonitti goree Sulula Yiftaa Eelitti dhuma.
JOS 19:15 Kanneen irrattis Qaataat, Naahaalal, Shimroon, Yidalaa fi Beetlihem dabalamaniiru. Isaaniis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha lama turan.
JOS 19:16 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Zebuuloon balbala balbalaan argatee dha.
JOS 19:17 Ixaan afuraffaan gosa Yisaakoriif balbala balbalaan baʼe.
JOS 19:18 Biyyi isaaniis: Yizriʼeel, Kesuloot, Suunam,
JOS 19:19 Hafaarayim, Shiiʼoon, Anaaharat,
JOS 19:20 Rabiit, Kishoon, Ebezi,
JOS 19:21 Remeet, Een Ganiim, Een Hadaa fi Beet Phaxeex.
JOS 19:22 Daariin isaanii Taaboor, Shahazumaa fi Beet Shemeshi tuqee Yordaanos gaʼee dhaabata. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha jaʼa turan.
JOS 19:23 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Yisaakor balbala balbalaan argatee dha.
JOS 19:24 Ixaan shanaffaan gosa Aasheeriif balbala balbalaan baʼe.
JOS 19:25 Biyyi isaaniis: Helqaat, Halii, Beten, Akshaaf,
JOS 19:26 Alaamelek, Amaadii fi Mishiʼaal. Daangaan sunis karaa lixaatiin Qarmeloosii fi Shiihoor Libnaat tuqa.
JOS 19:27 Ergasii karaa baʼa biiftuutiin gara Beet Daagonitti goree Zebuuloonii fi Sulula Yiftaa Eelitti qabatee Kaabuulin gara bitaatti dhiisee karaa kaabaatiin Beet Emeeqii fi Neʼiiʼeelitti qajeela.
JOS 19:28 Achiis kaʼee gara Eebroon, Rehoob, gara Hamoonii fi Qaanaatti ol baʼee hamma Siidoonaa Guddichaatti deema.
JOS 19:29 Daangaan sunis ergasii gara Raamaatti goree magaalaa Xiiroos kan dallaa jabaa qabu sanaa dhaqee gara Hoosaatti goree karaa Akziibiitiin galaana gaʼee dhaabata;
JOS 19:30 kunis biyya Umaa, biyya Afeeqiitii fi Rehoob dabalata. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan digdamii lama turan.
JOS 19:31 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Aasheer balbala balbalaan argatee dha.
JOS 19:32 Ixaan jaʼaffaan gosa Niftaalemiif balbala balbalaan baʼe; kunis:
JOS 19:33 Daariin isaanii Heelefii fi muka guddaa Zaʼaanaaniim keessa jiru sanaa kaʼee Adaamii Neqebii fi Yabniʼeel irraan gara Laquumiitti qajeelee Yordaanos gaʼee dhaabata.
JOS 19:34 Daariin sun Aznoot Taabooritti qajeelee gara lixaatti goruudhaan Huuqooqi gaʼee dhaabata. Innis karaa kibbaatiin Zebuuloon, karaa lixatiin Aasheer, karaa baʼaatiin immoo Yordaanos tuqa.
JOS 19:35 Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneenii dha: Zidiimi, Zeeri, Hamaati, Raqaati; Kinereeti,
JOS 19:36 Adaamaa, Raamaa, Haazoor,
JOS 19:37 Qaadesh, Edreyii, Een Haxoor,
JOS 19:38 Yiroon, Migdaal Eel, Horeem, Beet Anaatii fi Beet Shemesh. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha sagal turan.
JOS 19:39 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Niftaalem balbala balbalaan argatee dha.
JOS 19:40 Ixaan torbaffaan gosa Daaniif balbala balbalaan baʼe.
JOS 19:41 Biyyi isaan Dhaalanis: Zoraa, Eshitaaʼol, Iir Shemeshi,
JOS 19:42 Shaʼalabiin, Ayaaloon, Yitlaa,
JOS 19:43 Eeloon, Tiimnaahi, Eqroon,
JOS 19:44 Elteqee, Gibetoon, Baaʼilaati,
JOS 19:45 Yihuud, Benee Beraaq, Gat Rimoon,
JOS 19:46 Meyaarqoonii fi Raqoon Yoopheetti garagalee argamu sanaa dha.
JOS 19:47 Ijoolleen Daan garuu sababii lafti dhaalan sun isaanitti dhiphatteef ol baʼanii Lesheemin waraananii qabatan; erga goraadeedhaan dhaʼanii booddee ishee dhuunfatan. Isaanis Lesheem keessa qubatanii Daan jedhanii maqaa abbaa isaaniitiin ishee moggaasan.
JOS 19:48 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Daan balbala balbalaan argatee dha.
JOS 19:49 Israaʼeloonnis erga biyyattii ixaadhaan qoodamte sana hiranii fixanii booddee gidduu isaaniitti Iyyaasuu ilma Nuunitiif dhaala kennan;
JOS 19:50 dhaala kanas akkuma Waaqayyo ajajetti kennan. Isaanis magaalaa inni gaafatee kennaniif; magaalaan sunis Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreemitti argamtuu dha. Innis magaalaa sana ijaaree keessa jiraate.
JOS 19:51 Kunneen biyyoota Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni gosoota Israaʼel Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti balbala dunkaana wal gaʼii irratti ixaadhaan kennanii dha. Isaanis akkasiin biyyattii qooduu xumuran.
JOS 20:1 Ergasii Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe:
JOS 20:2 “Akkuma ani karaa Museetiin isin ajaje sanatti akka Israaʼeloonni magaalaawwan itti kooluu galan filatan itti himi;
JOS 20:3 kunis akka namni tasuma yookaan utuu itti hin yaadin nama ajjeese kam iyyuu itti kooluu galee nama haaloo dhiigaa baasu duraa baʼuuf.
JOS 20:4 Inni yommuu magaalaawwan sana keessaa tokkotti kooluu galutti karra magaalattii irra dhaabatee fuula maanguddoota magaalaa sanaa duratti dhimma isaa himachuu qaba. Isaanis ergasii magaalaa isaaniitti isa simatanii akka inni isaan wajjin jiraatuuf iddoo kennuufii qabu.
JOS 20:5 Yoo namni haaloo dhiigaa baasu isa duukaa buʼe illee, sababii inni utuu itti hin yaadinii fi utuu duraan jibba wal irraa hin qabaatin nama ollaa isaa ajjeeseef, isaan namicha sana dabarsanii kennuu hin qaban.
JOS 20:6 Inni hamma fuula waldaa dura qorumsaaf dhaabatuttii fi hamma lubni ol aanaan yeroo sanatti tajaajilaa ture duʼutti magaalaadhuma sana keessa jiraachuu qaba. Ergasii inni mana isaatti, gara magaalaa keessaa baqate sanaatti deebiʼuu dandaʼa.”
JOS 20:7 Kanaafuu isaan biyya gaaraa Niftaalem keessaa Qaadesh ishee Galiilaa keessaa sana, biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem, biyya gaaraa Yihuudaa keessaa immoo Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtu sana filatan.
JOS 20:8 Yordaanos gamaa karaa lixa Yerikootiin, biyya gosa Ruubeen keessaa Bezer ishee gammoojjii diriiraa keessaa sana, biyya gosa Gaad keessaa Raamooti ishee Giliʼaad keessatti argamtu, biyya gosa Minaasee keessaa immoo Goolaan ishee Baashaan keessatti argamtu sana filatan.
JOS 20:9 Magaalaawwan akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼeloota hundaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif filataman kanneenii dha; kunis akka inni hamma harka waldaa jirutti namicha haaloo dhiigaa baasu sanaan hin ajjeefamneef.
JOS 21:1 Hangafoonni maatii Lewwotaa Eleʼaazaar lubichatti, Iyyaasuu ilma Nuunittii fi hangafoota maatiiwwan gosoota Israaʼel kaanitti dhiʼaatanii
JOS 21:2 Shiiloo Kanaʼaan keessatti argamtu sana keessatti, “Waaqayyo akka isin magaalaa nu keessa jiraannu lafa tikaa kan horii keenyaaf taʼu wajjin nuu kennitan karaa Museetiin ajajee ture” jedhaniin.
JOS 21:3 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo ajajetti dhaala ofii isaanii keessaa magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa Lewwotaaf kennan.
JOS 21:4 Ixaan jalqabaa gosa Qohaatiif balbala balbalaan baʼe. Lewwota sanyii Aroon lubichaatiifis gosa Yihuudaa, gosa Simiʼoonii fi gosa Beniyaam keessaa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
JOS 21:5 Sanyii Qohaati warra hafaniif immoo balbala gosa Efreem, gosa Daanii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa magaalaawwan kudhan ixaadhaan argatan.
JOS 21:6 Sanyiiwwan Geershooniif balbala gosa Yisaakor, gosa Aasheer, gosa Niftaalemii fi walakkaa gosa Minaasee kan Baashaan keessaa sana irraa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
JOS 21:7 Sanyiiwwan Meraariis balbala balbalaan gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gosa Zebuuloon keessaa magaalaawwan kudha lama ixaadhaan argatan.
JOS 21:8 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa ixaadhaan Lewwotaaf kennan.
JOS 21:9 Gosa Yihuudaa fi gosa Simiʼoon irraa magaalaawwan kanneen maqaa maqaadhaan qoodan;
JOS 21:10 sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef magaalaawwan kunneen sanyiiwwan Aroon warra Lewwotaa keessaa balbala Qohaati taʼaniif kennaman:
JOS 21:11 Isaanis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon ishee biyya gaaraa Yihuudaa keessaa sana lafa tikaa naannoo ishee wajjin kennaniif. Arbaaq abbaa Anaaq ture.
JOS 21:12 Lafa qotiisaa fi gandoota naannoo magaalattii jiran garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif handhuuraa godhanii kennan.
JOS 21:13 Kanaafuu sanyiiwwan Aroon lubichaatiif Kebroon jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatuu fi Libnaa,
JOS 21:14 Yatiir, Eshtimoʼaa,
JOS 21:15 Hooloon, Debiir,
JOS 21:16 Aayin, Yutaanii fi Beet Shemeshi lafa tikaa wajjin kennameef; isaan kunneen magaalaawwan sagallan gosoota lamaan irraa qoodamaniifii dha.
JOS 21:17 Gosa Beniyaam irraas Gibeʼoon, Gebaaʼi,
JOS 21:18 Anaatootii fi Almoon lafa tikaa wajjin kennaniif; isaanis magaalaawwan afurii dha.
JOS 21:19 Magaalaawwan lafa tikaa wajjin sanyiiwwan Aroon kanneen luboota taʼaniif kennaman hundi kudha sadii turan.
JOS 21:20 Qohaatota balbala Lewwii warra hafaniif gosa Efreem irraa magaalaawwan kanneentu ixaadhaan argatan:
JOS 21:21 Isaanis biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu itti baqatu sanaa fi Geezir,
JOS 21:22 Qibxaayimii fi Beet Horoon, walumatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
JOS 21:23 Akkasumas gosa Daan keessaa Elteqee, Gibetoon,
JOS 21:24 Ayaaloonii fi Gat Rimoon, walumaa galatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
JOS 21:25 Walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo Taʼanaakii fi Gat Rimoon, magaalaawwan lama lafa tikaa wajjin fudhatan.
JOS 21:26 Magaalaawwan kurnan kunneen hundii fi lafti tikaa isaanii balbala gosa Qohaati warra hafaniif kennaman.
JOS 21:27 Geershoonota balbala Lewwiitiif immoo: Walakkaa gosa Minaasee keessaa, Goolaan ishee Baashaan keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatu sanaa fi Beʼeshitiraa, magaalaawwan lamaa fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
JOS 21:28 gosa Yisaakor keessaa Kishoon, Daaberaati,
JOS 21:29 Yarmuutii fi Een Ganiim, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
JOS 21:30 gosa Aasheer keessaa Mishiʼaal, Abdoon,
JOS 21:31 Helqaatii fi Rehoob, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
JOS 21:32 gosa Niftaalem keessaa Qaadesh ishee Galiilaa keessaa, magaalaan namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galuu akkasumas Hamoot Doorii fi Qartaan, magaalaawwan sadii lafa tikaa isaanii wajjin kennameef.
JOS 21:33 Gosoota Geershoonotaatiif immoo magaalaawwan kudha sadiitu lafa tikaa wajjin kenname.
JOS 21:34 Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif: gosa Zebuuloon keessaa, Yoqeniʼaam, Qartaa,
JOS 21:35 Dimnaa fi Naahaalal, magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kenname;
JOS 21:36 gosa Ruubeen keessaa Bezer, Yaahizaa,
JOS 21:37 Qidemootii fi Meefiʼaat, magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin kennameef;
JOS 21:38 gosa Gaad keessaa immoo, Raamooti ishee Giliʼaad keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galu, Mahanayiim,
JOS 21:39 Heshboonii fi Yaʼizeer, walumaa galatti magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kennameef.
JOS 21:40 Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif walumaa galatti magaalaawwan kudha lamatu ixaadhaan kenname.
JOS 21:41 Magaalaawwan Lewwotaa kanneen biyya Israaʼeloonni dhuunfatan keessatti argaman lafa tikaa wajjin walumaa galatti afurtamii saddeet turan.
JOS 21:42 Tokkoon tokkoon magaalaawwan kanneenii naannoo isaaniitii lafa tikaa qabu turan; magaalaawwan hundinuu akkanuma.
JOS 21:43 Kanaafuu Waaqayyo biyya abbootii isaaniitiif kennuuf kakate hunda saba Israaʼeliif kenne; isaanis biyya sana qabatanii achi jiraatan.
JOS 21:44 Waaqayyo akkuma abbootii isaaniitiif kakate sana karaa hundaan boqonnaa isaanii kenne. Diinni isaanii tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye; Waaqayyo diinota isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne.
JOS 21:45 Waadaa gaarii Waaqayyo mana Israaʼeliif gale keessaa tokko iyyuu hin hafne; hundinuu guutameera.
JOS 22:1 Ergasii Iyyaasuun gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee walitti waamee
JOS 22:2 akkana jedheen; “Isin waan Museen garbichi Waaqayyoo ajaje hundumaa hojjettaniirtu; waan ani isin ajaje hundas naa ajajamtaniirtu.
JOS 22:3 Isin bara dheeraaf, hamma harʼaatti illee obboloota keessan hin daganne; ajaja Waaqayyo Waaqni keessan isinii kennes eegdaniirtu.
JOS 22:4 Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sanatti obboloota keessan boqochiiseera; isin biyya Museen garbichi Waaqayyoo Yordaanos gamaa isinii kenne sanatti gara mana keessaniitti deebiʼaa.
JOS 22:5 Garuu akka Waaqayyo Waaqa keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Museen garbichi Waaqayyoo isinii kenne sana jabeessaa eegaa.”
JOS 22:6 Ergasiis Iyyaasuun eebbisee gad isaan dhiise; isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan.
JOS 22:7 Museen walakkaa gosa Minaaseetiif Baashaan keessaa lafa kennee ture; Iyyaasuun immoo walakkaa kaaniif Yordaanosiin gama lixaatti obboloota isaanii cinatti lafa kenne. Iyyaasuun yommuu gara mana isaaniitti isaan ergetti isaan eebbise;
JOS 22:8 akkanas jedheen; “Qabeenya keessan guddaa jechuunis horii baayʼee, meetii, warqee, naasii fi sibiila akkasumas uffata baayʼee fudhadhaa galaatii boojuu diinota keessan irraa boojitan sana obboloota keessan wajjin qooddadhaa.”
JOS 22:9 Kanaafuu gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee gara biyya ofii isaanii gara Giliʼaad ishee akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajajetti argatan sanaatti deebiʼuuf jedhanii Shiiloo ishee Kanaʼaan keessaa sanatti Israaʼeloota dhiisanii deeman.
JOS 22:10 Gosti Ruubeen, gostii Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee yommuu Galiilooti biyya Kanaʼaan keessaa kan Yordaanos biraa sana gaʼanitti, iddoo aarsaa guddaa isaa Yordaanos biratti tolchan.
JOS 22:11 Israaʼeloonni yommuu akka isaan gama Israaʼelootaatiin daarii Kanaʼaan irratti Galiilooti ishee Yordaanos cinaa sanatti iddoo aarsaa tolchan dhagaʼanitti,
JOS 22:12 guutummaan waldaa Israaʼel isaanitti duuluuf Shiilootti walitti qabaman.
JOS 22:13 Kanaafuu Israaʼeloonni Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa sana gara gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giliʼaad keessa jiraatanitti ergan.
JOS 22:14 Isa wajjinis hangafoota kudhan, tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif nama tokko ergan; tokkoon tokkoon isaaniis hangafa balbala maatii Israaʼel.
JOS 22:15 Isaanis Giliʼaaditti gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee bira dhufanii akkana isaaniin jedhan:
JOS 22:16 “Guutummaan waldaa Waaqayyoo akkana jedha: ‘Isin akkamitti akkanaan amanamummaa Waaqa Israaʼel wajjin qabdan sana cabsitu? Isin akkamitti Waaqayyo irraa garagaltanii isatti finciluudhaan ofii keessaniif iddoo aarsaa tolfattu?
JOS 22:17 Cubbuun Pheʼoor keessatti hojjetame sun nu hin gaʼuu? Dhaʼichi saba Waaqayyoo irra buʼu iyyuu, nu hamma harʼaatti cubbuu sana irraa of hin qulqulleessine.
JOS 22:18 Isin ammas Waaqayyo irraa garagaluu keessanii? “ ‘Yoo isin harʼa Waaqayyotti finciltan inni immoo bori hawaasa Israaʼel hundatti ni dheekkama.
JOS 22:19 Yoo lafti isin qabattan sun xuroofte, gara lafa Waaqayyo iddoo dunkaanni Waaqayyoo dhaabatuu kottaatii nu wajjin lafa qoodadhaa. Garuu iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa malee iddoo aarsaa biraa ofii keessanii tolfattanii Waaqayyotti yookaan nutti hin fincilinaa.
JOS 22:20 Yeroo Aakaan ilmi Zaaraa waan dhowwamaa taʼe fudhachuudhaan cubbuu hojjetetti waldaa Israaʼel hundatti dheekkamsi hin dhufnee? Namni sababii cubbuu isaatiin duʼe isa qofa miti.’ ”
JOS 22:21 Kana irratti gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkana jedhanii hangafoota maatiiwwan Israaʼeliif deebisan;
JOS 22:22 “Waaqayyo Waaqni waaqotaa, Waaqayyo Waaqni waaqotaa ni beeka! Israaʼelis haa beeku! Yoo wanni kun Waaqayyotti finciluuf yookaan isaa ajajamuu diduuf taʼe harʼa nu hin hambisin.
JOS 22:23 Yoo nu Waaqayyo irraa deebiʼuuf jennee, aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii, yookaan aarsaa nagaa achi irratti dhiʼeessuuf iddoo aarsaa ofii keenyaa tolfannee jiraanne, Waaqayyo mataan isaa itti nu haa gaafatu.
JOS 22:24 “Sababiin nu waan kana gooneef ijoolleen keessan gara fuula duraatti ijoollee keenyaan akkana jedhu taʼa jennee sodaannee ti; ‘Isin Waaqayyo Waaqa Israaʼel irraa maali qabdu?
JOS 22:25 Waaqayyo nuu fi isin jechuunis isin gosa Ruubeenii fi gosa Gaad gidduu Yordaanos daarii godhee dhaabeera! Isin Waaqayyo irraa qooda tokko illee hin qabdan.’ Kanaafuu ijoolleen keessan akka ijoolleen keenya Waaqayyoon sodaachuu dhiisan godhu taʼa.
JOS 22:26 “Sababiin nu, ‘Kottaa qophoofnee iddoo aarsaa tokko tolfannaa; garuu iddoon aarsaa kun kan aarsaan gubamu yookaan qalmi irratti dhiʼeeffamuu miti’ jenneefis kanuma.
JOS 22:27 Karaa biraa immoo akka iddoon aarsaa kun akka nu aarsaa keenya kan gubamu, qalma keenyaa fi aarsaa nagaatiin iddoo qulqulluu isaatti Waaqayyoon waaqeffannuuf nu, isinii fi dhaloota dhufu gidduutti dhugaa baatuu taʼuuf. Kana booddee ijoolleen keessan ijoollee keenyaan, ‘Isin Waaqayyo irraa qooda tokko illee hin qabdan’ jechuu hin dandaʼan.
JOS 22:28 “Nus akkana jenne; ‘Yoo isaan baroota dhufuuf jiran keessa nuun yookaan dhaloota keenyaan akkas jedhan, mee fakkii iddoo aarsaa Waaqayyoo kan abbootiin keenya aarsaa gubamu yookaan qalma irratti dhiʼeessuuf utuu hin taʼin akka inni nuu fi isin gidduutti dhuga baatuu taʼuuf tolchan kana ilaalaa jennaan.’
JOS 22:29 “Iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa kan dunkaana isaa qulqulluu dura dhaabatu sana malee harʼa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu, kennaan midhaaniitii fi qalmi irratti dhiʼeeffamu kan biraa tolchuudhaan Waaqayyotti fincillee isa irraa garagaluun nurraa haa fagaatu.”
JOS 22:30 Fiinehaas lubichi, qajeelchitoonni sabaatii fi hangafoonni maatiiwwan Israaʼel yommuu waan gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi gosti Minaasee jedhan dhagaʼanitti ni gammadan.
JOS 22:31 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaas ijoollee Ruubeeniin, ijoollee Gaadii fi ilmaan Minaaseetiin, “Nu harʼa sababii isin waan kana keessatti Waaqayyoof amanamummaa hin dhiisiniif akka Waaqayyo nu wajjin jiru beekneerra. Isin amma Israaʼeloota harka Waaqayyoo jalaa baaftaniirtu” jedhe.
JOS 22:32 Ergasiis Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaa fi qajeelchitoonni sun ijoollee Ruubeenii fi ijoollee Gaad wajjin Giliʼaaditti wal gaʼii godhatanii gara Kanaʼaanitti deebiʼanii oduu achii fidan Israaʼelootatti himan.
JOS 22:33 Isaanis oduu kana dhagaʼanii gammadanii Waaqa galateeffatan. Lammatas itti deebiʼanii waaʼee isaanitti duuluu fi biyya gosti Ruubeenii fi gosti Gaad keessa jiraatu sana balleessuu hin dubbanne.
JOS 22:34 Gosti Ruubeenii fi gosti Gaadis maqaa kanaan iddoo aarsaa sana moggaasan: Iddoon Aarsaa kun akka Waaqayyo Waaqa taʼe Nu Gidduutti Dhugaa Baatuu dha.
JOS 23:1 Erga barri dheeraan darbee Waaqayyos diinota isaan marsan hunda irraa Israaʼeloota boqochiisee booddee Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloome;
JOS 23:2 innis Israaʼeloota hunda jechuunis maanguddoota isaanii, hooggantoota isaanii, abbootii murtii isaaniitii fi qondaaltota isaanii ofitti waamee akkana jedheen: “Kunoo ani bara dheeraa jiraadhee dulloomeera.
JOS 23:3 Isin mataan keessanuu waan Waaqayyo Waaqni keessan isiniif jedhee saboota kana godhe hundumaa argitaniirtu; Waaqayyo Waaqa keessantu isiniif lole.
JOS 23:4 Akka ani itti biyya saboota hafanii jechuunis biyya saboota ani Yordaanosii jalqabee hamma lixa Galaana Guddichaatti moʼadhe sanaa hunda gosoota keessaniif dhaala godhee kenne mee yaadadhaa.
JOS 23:5 Waaqayyo Waaqni keessan mataan isaa iyyuu fuula keessan duraa ariʼee isaan baasa. Inni fuula keessan duraa dhiibee isaan baasa; isin immoo akkuma Waaqayyo Waaqni keessan isin abdachiise sanatti biyya isaanii qabattu.
JOS 23:6 “Jabaadhaa dhaabadhaa; akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame hunda, utuu gara mirgaatti yookaan bitaatti hin jalʼatin jabeessaa eegaa.
JOS 23:7 Saboota gidduu keessanitti hafan kanneenitti hin makaminaa; maqaa waaqota isaanii hin dhaʼinaa yookaan ittiin hin kakatinaa. Waaqota sana hin tajaajilinaa yookaan isaaniif hin sagadinaa.
JOS 23:8 Garuu akkuma hamma harʼaatti gochaa turtan sana jabaadhaa Waaqayyo Waaqa keessanitti maxxanaa.
JOS 23:9 “Waaqayyo saboota gurguddaa fi humna qabeeyyii fuula keessan duraa ariʼee baaseera; hamma ammaatti namni tokko iyyuu isin dura dhaabachuu hin dandeenye.
JOS 23:10 Sababii Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sana isinii loluuf namni keessan tokkichi nama kuma tokko ariʼa.
JOS 23:11 Kanaafuu Waaqayyo Waaqa keessan cimsaa jaalladhaa.
JOS 23:12 “Garuu yoo isin karaa irraa jalʼattanii hambaa saboota gidduu keessan jiraatan kanneeniitti maxxantan, yoo isin isaaniin walfuutanii isaanitti makamtan,
JOS 23:13 akka Waaqayyo Waaqni keessan siʼachi saboota kanneen isin duraa ariʼee hin baafne beekkadhaa. Qooda kanaa isaan hamma isin biyya gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenne kana keessaa dhumtanitti iddaa fi kiyyoo isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii taʼu.
JOS 23:14 “Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
JOS 23:15 Garuu akkuma waadaan gaariin Waaqayyo Waaqa keessanii hundi guutame sana, Waaqayyo akkasuma waan hamaa ittiin isin sodaachise sana hunda hamma biyya gaarii isinii kenne kana irraa isin fixutti isinitti fida.
JOS 23:16 Yoo isin kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje cabsitanii dhaqxanii waaqota biraa tajaajiltanii fi isaaniif sagaddan dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; isinis biyya gaarii inni isinii kenne sana irraa daftanii ni baddu.”
JOS 24:1 Iyyaasuunis ergasii gosoota Israaʼel hunda Sheekemitti walitti qabe. Innis maanguddoota, hooggantoota, abbootii murtii fi qondaaltota Israaʼel walitti waame; isaanis fuula Waaqaa duratti dhiʼaatan.
JOS 24:2 Iyyaasuun saba hundaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Abbootiin keessan bara durii, Taaraa abbaa Abrahaamii fi Naahoor dabalatanii Laga gama jiraatanii waaqota biraa waaqeffatan.
JOS 24:3 Ani garuu abbaa keessan Abrahaam biyya Laga gamaatii fuudhee biyya Kanaʼaan keessa isa dabarsee sanyii baayʼee kenneef. Ani Yisihaaqin isaafan kenne;
JOS 24:4 Yisihaaqiif immoo Yaaqoobii fi Esaawun kenne. Biyyaa gaaraa Seeʼiir Esaawufin kenne; Yaaqoobii fi ilmaan isaa garuu Gibxitti gad buʼan.
JOS 24:5 “ ‘Anis Musee fi Aroon ergee waanan achitti hojjedheen namoota Gibxi dhaʼichaan dhaʼee achii isin baase.
JOS 24:6 Yeroo ani abbootii keessan biyya Gibxi keessaa baasetti, isin gara galaanaa dhuftan; warri Gibxi immoo gaariiwwan lolaatii fi warra fardeen yaabbataniin hamma Galaana Diimaatti isaan hordofan.
JOS 24:7 Isaan gargaarsa barbaaduuf Waaqayyotti iyyatan; innis isaanii fi warra Gibxi gidduu dukkana buuse; warra Gibxitti galaana fidee isaan ukkaamse. Isin waan ani warra Gibxi godhe ijuma keessaniin argitan. Ergasiis isin bara dheeraa gammoojjii keessa jiraattan.
JOS 24:8 “ ‘Anis biyya Amoorota gama baʼa Yordaanos jiraachaa turan sanaatti isin nan fide. Isaanis isin lolan; ani garuu dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Ani fuula keessan duraa isaan nan barbadeesse; isinis biyya isaanii qabattan.
JOS 24:9 Baalaaq ilmi Ziphoori mootichi Moʼaab sun yeroo Israaʼelitti duuluuf qophaaʼetti akka inni isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼooritti dhaamsa ergate.
JOS 24:10 Ani garuu Balaʼaamin hin dhaggeeffanne; kanaafuu inni irra deddeebiʼee isin eebbise; anis harka isaa keessaa isin nan baase.
JOS 24:11 “ ‘Isinis ergasii laga Yordaanos ceetanii Yerikoo dhuftan. Jiraattonni Yerikoos akkuma Amooronni, Feerzonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni godhan sana isin lolan; ani garuu dabarseen harka keessanitti isaan kenne.
JOS 24:12 Ani sonsa isaanii fi mootota Amoorotaa lamaan fuula keessan duraa ariʼee baasu isin dura nan erge. Isin goraadee keessanii fi iddaa keessaniin isaan hin ariine.
JOS 24:13 Ani akkasiin biyya isin itti hin dadhabinii fi magaalaa isin hin ijaarin isiniifan kenne; isinis isaan keessa jiraattanii iddoo dhaabaa wayiniitii fi muka ejersaa kan ofii keessanii hin dhaabin irraa nyaattan.’
JOS 24:14 “Egaa Waaqayyoon sodaadhaatii amanamummaa guutuudhaan isa tajaajilaa. Waaqota abbootiin keessan Laga gamaa fi biyya Gibxitti waaqeffatan sana gataatii Waaqayyoon tajaajilaa.
JOS 24:15 Isin garuu yoo Waaqayyoon tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Waaqayyoon waaqeffanna.”
JOS 24:16 Sabnis akkana jedhee deebiseef; “Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jennee Waaqayyoon dhiisuun nurraa haa fagaatu!
JOS 24:17 Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Waaqayyo Waaqa keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege.
JOS 24:18 Waaqayyo saboota hunda, Amoorota biyya sana keessa jiraachaa turanis fuula keenya duraa ariʼee baase. Sababii inni Waaqa keenya taʼeef nu Waaqayyoon tajaajilla.”
JOS 24:19 Iyyaasuunis sabaan akkana jedhe; “Isin Waaqayyoon tajaajiluu hin dandeessan. Inni Waaqa qulqulluu dha. Inni Waaqa hinaafuu dha. Inni fincila keessanii fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu.
JOS 24:20 Yoo isin Waaqayyoon dhiiftanii waaqota ormaa tajaajiltan, inni erguma waan gaarii isinii godhee booddee garagalee balaa isinitti buusee isin balleessa.”
JOS 24:21 Namoonni garuu Iyyaasuudhaan, “Lakki! Nu Waaqayyoon tajaajilla” jedhan.
JOS 24:22 Iyyaasuunis deebisee, “Isin akka Waaqayyoon tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu” jedheen. Isaanis deebisanii, “Eeyyee, nu dhugaa baatota” jedhan.
JOS 24:23 Kana irratti Iyyaasuun, “Yoos amma waaqota ormaa kanneen isin gidduu jiran sana baasaa gataatii garaa keessan Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti kennaa” jedheen.
JOS 24:24 Sabnis Iyyaasuudhaan, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya tajaajilla; ni ajajamnaafis” jedhe.
JOS 24:25 Iyyaasuun guyyaa sana sabaaf kakuu galee Sheekemitti ajajaa fi seera baase.
JOS 24:26 Innis waan kana Kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse. Dhagaa guddaa tokkos fuudhee iddoo qulqulluu Waaqayyoo biratti qilxuu tokko jala dhaabe.
JOS 24:27 Inni nama hundaan akkana jedhe; “Kunoo! Dhagaan kun dhugaa nutti baʼaa. Inni dubbii Waaqayyo nutti dubbate hunda dhagaʼeera. Yoo isin Waaqa keessaniif hin amanamin dhagaan kun dhugaa isinitti baʼa.”
JOS 24:28 Kanaafuu Iyyaasuun tokkoo tokkoo namaa gara dhaala mataa mataa isaatti erge.
JOS 24:29 Sana booddee Iyyaasuun ilmi Nuuni, garbichi Waaqayyoo sun, waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe.
JOS 24:30 Isaanis lafa dhaala isaa, Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreem keessatti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.
JOS 24:31 Sabni Israaʼel bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan Waaqayyo Israaʼeliif godhe hunda arganii keessa Waaqayyoon tajaajileera.
JOS 24:32 Lafeen Yoosef kan Israaʼeloonni biyya Gibxii baasanii fidanis Sheekemitti lafa Yaaqoob meetii dhibba tokkoon ilmaan Hamoor, abbaa Sheekem irraa bitee sanatti awwaalame. Lafti kunis dhaala sanyii Yoosef taʼe.
JOS 24:33 Eleʼaazaar ilmi Aroonis duʼee Gibeʼaa lafa biyya gaaraa Efreem kan ilma isaa Fiinehaasiif ixaadhaan kenname keessatti awwaalame.
JDG 1:1 Erga Iyyaasuun duʼee booddee Israaʼeloonni, “Kanaʼaanota loluudhaaf eenyu dursee nuuf haa baʼu?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan.
JDG 1:2 Waaqayyos, “Yihuudaan dursee haa baʼu; kunoo, ani biyyattii dabarsee harka isaatti kenneera” jedhee deebiseef.
JDG 1:3 Namoonni Yihuudaas obboloota isaanii ilmaan Simiʼooniin, “Kottaa gara lafa qooda keenyaatti Kanaʼaanota loluuf wajjin baanaa; nus gama keenyaan gara lafa qooda keessaniitti isin wajjin ni baanaa” jedhan. Kanaafuu namoonni Simiʼoon isaan wajjin baʼan.
JDG 1:4 Yommuu Yihuudaan baʼettis Waaqayyo Kanaʼaanotaa fi Feerzota dabarsee harka isaaniitti kenne; isaanis iddoo Bezeq jedhamutti nama kuma kudhan fixan.
JDG 1:5 Achittis Adoonii-Bezeq arganii isa lolan; Kanaʼaanotaa fi Feerzotas moʼatan.
JDG 1:6 Adoonii-Bezeq achii baqate; isaan garuu ariʼanii isa qaban; quba abbuudduu harkaatii fi quba abbuudduu miilla isaa irraa kutan.
JDG 1:7 Ergasiis Adoonii-Bezeq, “Mootonni qubni abbuudduun harka isaaniitii fi qubni abbuudduun miilla isaanii irraa cirame torbaatamni waan maaddii koo jalatti harcaʼe funaannachaa turan. Amma garuu Waaqni waanuma ani isaanitti hojjedhe naa deebise” jedhe. Isaanis Yerusaalemitti isa fidan; innis achitti duʼe.
JDG 1:8 Namoonni Yihuudaa Yerusaalemiinis akkasuma dhaʼanii qabatan. Magaalattiis goraadeedhaan dhaʼanii ibidda itti qabsiisan.
JDG 1:9 Ergasiis namoonni Yihuudaa Kanaʼaanota biyya gaaraa, Negeebii fi gammoojjii karaa lixa biiftuu keessa jiraatan loluudhaaf gad buʼan.
JDG 1:10 Namoota Kanaʼaan kanneen Kebroon ishee dur Kiriyaati Arbaaq jedhamtu keessa jiraatanittis duulanii Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayin moʼatan.
JDG 1:11 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duulan.
JDG 1:12 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe.
JDG 1:13 Obboleessi Kaaleb quxisuun, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
JDG 1:14 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti, akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
JDG 1:15 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
JDG 1:16 Sanyiiwwan Qeenii namicha abbaa niitii Musee sanaa namoota gammoojjii Yihuudaa keessa Negeeb ishee Aaraad biratti argamtu keessa jiraatan gidduu jiraachuuf jedhanii namoota Yihuudaa wajjin Magaalaa Meexxiitii ol baʼan.
JDG 1:17 Namoonni Yihuudaa obboloota isaanii ilmaan Simiʼoon wajjin dhaqanii Kanaʼaanota Zefaati keessa jiraatan waraanan; magaalattiis guutumaan guutuutti barbadeessan. Kanaafuu magaalattiin Hormaa jedhamtee waamamte.
JDG 1:18 Akkasumas namoonni Yihuudaa Gaazaa gandoota naannoo ishee wajjin, Ashqaloon gandoota naannoo ishee wajjin, Eqroon naannoo ishee wajjin qabatan.
JDG 1:19 Waaqayyo namoota Yihuudaa wajjin ture. Kanaafuu isaan biyya gaaraa sana qabatan; garuu sababii namoonni dirree irra jiraatan gaariiwwan sibiilaa qabaniif achii isaan baasuu hin dandeenye.
JDG 1:20 Akkuma Museen abdachiisee turetti Kebroon Kaalebiif kennamte; innis ilmaan Anaaq sadan achii ariʼee baase.
JDG 1:21 Ijoolleen Beniyaam garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana achii baasuu hin dandeenye; hamma ammaatti Yebuusonni Beniyaamota wajjin iddoo sana jiraatan.
JDG 1:22 Gosti Yoosef immoo Beetʼeel waraanan; Waaqayyos isaan wajjin ture.
JDG 1:23 Yommuu isaan gara Beetʼeel ishee dur Luuzi jedhamtutti basaastota erganitti,
JDG 1:24 basaastonni sun namicha magaalaadhaa baʼee dhufu tokko arganii, “Karaa ittiin magaalaa seenan nu argisiisi; nus waan gaarii siif goona” jedhaniin.
JDG 1:25 Innis itti argisiise; isaanis namicha sanaa fi maatii isaa guutuu dhiisanii magaalaa sana goraadeedhaan dhaʼan.
JDG 1:26 Namichis gara Heetotaa deemee magaalaa Loozaa jedhamtu hundeesse; isheenis hamma ammaatti Luuzi jedhamtee waamamti.
JDG 1:27 Minaaseen garuu namoota Beet Sheʼaaniitii fi gandoota naannoo ishee yookaan Taʼanaakii fi gandoota naannoo ishee yookaan Doorii fi gandoota naannoo ishee yookaan Yibleʼaamii fi gandoota naannoo ishee yookaan Megidoo fi gandoota naannoo ishee jiraatan achii hin baafne; kanaafuu Kanaʼaanonni ittuma fufanii achi jiraachuuf murteeffatan.
JDG 1:28 Israaʼeloonni yommuu jabaachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan isaan dirqisiisan malee Kanaʼaanota guutumaan guutuutti achii hin baafne.
JDG 1:29 Efreemis Kanaʼaanota Geezir keessa jiraatan achii hin baafne; Kanaʼaanonni garuu ittuma fufanii achuma isaan gidduu jiraatan.
JDG 1:30 Zebuuloonis Kanaʼaanota Qixroon yookaan Nahalol keessa jiraatan kanneen gidduu isaaniitti hafan hin baafne; garuu akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan.
JDG 1:31 Aasheeris warra Akoo yookaan Siidoon yookaan Ahilaab yookaan Akziib yookaan Helbaa yookaan Afiiqii fi Rehoob keessa jiraatan hin baafne;
JDG 1:32 namoonni Aasheer sababii isaan jara ariʼanii hin baasiniif Kanaʼaanota biyya sana jiran gidduu jiraatan.
JDG 1:33 Niftaalem warra Beet Shemeshii fi Beet Anaati keessa jiraatan hin baafne; namoonni Niftaalem garuu Kanaʼaanota biyya sana turan gidduu jiraatan; warri Beet Shemeshii fi Beet Anaati dirqamsiifamanii hojii humnaa hojjechaafii turan.
JDG 1:34 Amooronni immoo warra Daan gara biyya gaaraatti dhiiban malee akka isaan sululatti gad buʼan hin eeyyamneef ture.
JDG 1:35 Amooronnis itti fufanii Tulluu Herees irra, Ayaaloonii fi Shaʼalbiim keessa jiraatan; garuu yommuu humni mana Yoosef jabaachaa dhufetti isaanis hojii humnaa isaanii hojjechuuf dirqisiifaman.
JDG 1:36 Daariin Amoorotaa Aqrabiimii jalqabee karaa Seelaatiin ol baʼa ture.
JDG 2:1 Ergamaan Waaqayyoo Gilgaalii Bookiimitti ol baʼee akkana jedhe; “Ani Gibxii isin baasee biyya ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sanatti isin fideera. Akkanas nan jedhe; ‘Ani kakuu isin wajjin gale sana gonkumaa hin diigu;
JDG 2:2 isinis warra lafa kana irra jiraatan wajjin kakuu hin galinaa; iddoo aarsaa isaanii garuu caccabsaa.’ Taʼus isin naaf hin ajajamne. Isin maaliif waan kana gootan?
JDG 2:3 Kanaafuu ani amma akka fuula keessan duraa ariʼee isaan hin baafne isinitti nan hima; isaan iddaa isinitti taʼu; waaqonni isaanii immoo kiyyoo isinitti taʼu.”
JDG 2:4 Yeroo ergamaan Waaqayyoo waan kana Israaʼeloota hundatti dubbatetti namoonni sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan;
JDG 2:5 isaanis iddoo sana Bookiim jedhanii waaman. Achittis Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessan.
JDG 2:6 Erga Iyyaasuun Israaʼeloota gad dhiisee booddee tokkoon tokkoon isaanii biyyattii dhaaluuf gara dhaala ofii isaanii deeman.
JDG 2:7 Uummanni bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan guddaa Waaqayyo Israaʼeliif godhe argan sunis Waaqayyoon tajaajilan.
JDG 2:8 Iyyaasuun ilmi Nuuni garbichi Waaqayyoo waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe.
JDG 2:9 Isaanis lafa dhaala isaa Timnaat Herees kan biyya gaaraa Efreemitti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.
JDG 2:10 Erga dhaloonni sun guutuun gara abbootii isaaniitti walitti qabamanii booddee dhaloonni Waaqayyoon hin beekin yookaan waan inni saba Israaʼeliif godhe hin beekin kan biraa kaʼe.
JDG 2:11 Israaʼeloonnis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Baʼaaliinis ni tajaajilan.
JDG 2:12 Isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana ni dhiisan. Waaqota adda addaa kanneen saboota naannoo isaanii jiraatanii duukaa buʼan; ni waaqeffatanis. Waaqayyonis dheekkamsaaf kakaasan;
JDG 2:13 isaan isa dhiisanii Baʼaalii fi Ashtooretin waaqeffataniiruutii.
JDG 2:14 Waaqayyos Israaʼelootatti dheekkamee saamtota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne. Diinota naannoo isaanii kanneen isaan of irraa ittisuu hin dandeenye hundatti isaan gurgure.
JDG 2:15 Yommuu Israaʼeloonni lolaaf baʼanitti akkuma inni duraan kakate sanatti harki Waaqayyoo isaanitti hammaatee akka isaan moʼataman godha ture. Isaanis rakkina guddaa keessa buʼan.
JDG 2:16 Waaqayyos abbootii murtii kanneen saamtota jalaa isaan baasan isaaniif kaase.
JDG 2:17 Isaan garuu waaqota biraa wajjin sagaagalanii isaan waaqeffatan malee abbootii murtii sana hin dhaggeeffanne. Karaa abbootiin isaanii Waaqayyoof ajajamuudhaan irra deemaa turan sana irraa dafanii jalʼatan; isaan waan abbootiin isaanii godhan hin goone.
JDG 2:18 Waaqayyo yeroo abbaa murtii tokko isaanii kaasetti hamma abbaan murtii sun jirutti isa wajjin jiraatee harka diinota isaanii jalaa isaan baasa ture; Waaqayyo yeroo isaan sababii warra isaan cunqursanii fi warra isaan miidhaniitiin wawwaatanitti garaa laafaaf tureetii.
JDG 2:19 Yommuu abbaan murtii sun duʼu garuu isaan waaqota biraa duukaa buʼuudhaan, tajaajiluu fi isaan waaqeffachuudhaan abbootii isaanii iyyuu caalaa gara hamminaatti deebiʼan. Hojii hamminaatii fi mataa jabina isaanii irraas hin deebiʼan ture.
JDG 2:20 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti akka malee dheekkamee akkana jedhe; “Waan sabni kun kakuu ani abbootii isaatiif gale sana cabsee anas dhagaʼuu dideef,
JDG 2:21 ani siʼachi saboota Iyyaasuun yeroo duʼetti isaan gidduutti dhiise sana isaan duraa ariʼee hin baasu.
JDG 2:22 Karaa saboota kanaatiinis akka isaan akkuma abbootii isaanii karaa Waaqayyoo eeganii irra deddeebiʼanii fi akka isaan hin eegne ilaaluuf jedhee Israaʼelin nan qora.”
JDG 2:23 Kanaafuu Waaqayyo akka saboonni kunneen achumatti hafan eeyyame; harka Iyyaasuuttis dabarsee isaan kennuudhaan dafee achii isaan hin baafne.
JDG 3:1 Saboonni Waaqayyo Israaʼeloota waraana Kanaʼaan keessatti deemsifame kam iyyuu irratti hirmaatanii hin beekin hunda qoruuf jedhee idduma isaan turanitti hambise kanneenii dha;
JDG 3:2 innis akka Israaʼeloonni kanaan dura waraana keessatti hirmaatanii hin beekin muuxannoo argataniif waan kana godhe;
JDG 3:3 kanneen utuu hin baʼin achumatti hafanis: bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kanaʼaanota hunda, Siidoonotaa fi Hiiwota Tulluu Baʼaal Hermoonii jalqabanii hamma balbala Hamaatitti gaarran Libaanoon gubbaa jiraatanii dha.
JDG 3:4 Isaan kunneen warra Israaʼeloonni ajaja Waaqayyoo kan inni karaa Museetiin abbootii isaaniif kennee ture sana eeguu fi eeguu baachuu isaanii ittiin qoramanii ilaalamaniif hambifamanii dha.
JDG 3:5 Kanaafuu Israaʼeloonni Kanaʼaanota, Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota gidduu jiraatan.
JDG 3:6 Isaanis intallan jaraa fuudhan; intallan ofii isaanii immoo ilmaan isaaniitti heerumsiisan; waaqota isaaniis ni waaqeffatan.
JDG 3:7 Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatanii Baʼaalii fi Asheeraa waaqeffatan.
JDG 3:8 Aariin Waaqayyo Israaʼelootatti bobaʼe; kanaafuu mootii Phaadaan Arraam Kuushan-Rishaataayimitti dabarsee isaan gurgure; Israaʼeloonnis waggaa saddeeti isa jalatti bulan.
JDG 3:9 Waaqayyo garuu yeroo isaan gara isaatti iyyatanitti nama isaan furu tokko jechuunis obboleessa Kaaleb quxisuu, Otniiʼeel ilma Qenaz sana akka inni isaan furuuf kaaseef.
JDG 3:10 Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe; kanaafuu inni abbaa murtii Israaʼelootaa taʼee duulaaf baʼe. Waaqayyos Kuushan-Rishaataayim mooticha Phaadaan Arraam sana dabarsee harka Onniiʼelitti kenne; innis isa moʼate.
JDG 3:11 Kanaafuu biyyi sun hamma Otniiʼeel ilmi Qenaz duʼutti waggaa afurtama nagaa argate.
JDG 3:12 Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; sababii isaan waan hamaa kana hojjetaniif Waaqayyo akka Egloon mootiin Moʼaab harka isaa isaanitti cimsuuf dabarsee isaan kenne.
JDG 3:13 Innis Amoonotaa fi Amaaleqoota walitti qabatee Israaʼeloota waraane; isaanis Magaalaa Meexxii qabatan.
JDG 3:14 Israaʼeloonni waggaa kudha saddeet Egloon mootii Moʼaab jalatti bulan.
JDG 3:15 Israaʼeloonni ammas gara Waaqayyootti iyyatan; innis nama isaan furu tokko jechuunis Eehuud nama harka bitaachaa, ilma Geeraa sana gosa Beniyaam keessaa isaanii kaase. Israaʼeloonnis akka inni Egloon mootii Moʼaab sanaaf gibira geessu Naaʼodin ergan.
JDG 3:16 Eehuudis goraadee gama lamaan qara qabu kan meetira walakkaa dheeratu tolfatee uffata isaa jalaan tafa mirgaatti hidhate.
JDG 3:17 Gibira sana Egloon mooticha Moʼaab namicha akka malee furdaa ture sanaaf dhiʼeesse.
JDG 3:18 Naaʼod erga gibira sana dhiʼeessee booddee namoota baataniifii dhufan geggeesse.
JDG 3:19 Inni garuu iddoo dhagaan baafamu kan Gilgaal biratti argamu bira gaʼee duubatti deebiʼuudhaan, “Yaa mootii ani waan dhoksaatti sitti himu tokko qaba” jedhe. Mootichis, “Calʼisaa!” jedhe; warri isa bira turan hundinuus isa dhiisanii baʼan.
JDG 3:20 Utuu mootichi kutaa mana isaa iddoo qabbanaaʼaa tokko kophaa isaa taaʼee jiruu Eehuud itti dhiʼaatee, “Ani ergaa Waaqa biraa siif ergame qaba” jedheen. Egloonis teessoo isaa irraa ol kaʼe;
JDG 3:21 Eehuud harka isaa bitaa diriirsee tafa mirga isaa irraa goraadee luqqifatee garaa mootichaa keessa fullaase.
JDG 3:22 Qabannoon isaas utuu hin hafin garaa seenee sibiilli isaa duubaan baʼe. Naaʼod goraadicha garaa mootichaa keessaa hin buqqifne; moorris goraadee sana haguugee ture.
JDG 3:23 Ergasiis Eehuud Egloonitti balbala cufee karaa borootiin baʼee qajeele.
JDG 3:24 Erga Eehuud deemee booddee tajaajiltoonni mootichaa dhufan; balbala kutaa mana ol aanuus akkuma inni cufamee jirutti argan. Isaanis, “Tarii inni mana boolii gad taaʼee jira taʼa” jedhan.
JDG 3:25 Hamma dadhabanittis eegan; garuu waan inni utuu balbala hin banin tureef furtuu fudhatanii balbala banan. Kunoo gooftaan isaanii duʼee lafa irra diriiree ture.
JDG 3:26 Utuma isaan dhaabatanii eegaa jiranuu Eehuud fagaatee deeme. Karaa lafa dhagaan itti soofamuutiin darbee gara Seʼiiraatti baqate.
JDG 3:27 Innis yommuu achi gaʼetti biyya gaaraa Efreem keessatti malakata afuufe; Israaʼeloonnis hooggantummaa isaatiin biyya gaaraa sana irraa isa wajjin gad buʼan.
JDG 3:28 Eehuudis, “Diina keessan Moʼaabin Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii na duukaa buʼaa!” jedheen. Isaanis malkaa Yordaanos kan gara Moʼaabitti geessu sana qabatanii nama tokko illee achiin darbuu dhowwan.
JDG 3:29 Yeroo sanatti Moʼaabota hundi isaanii jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan kuma kudhan fixan; namni tokko iyyuu isaan jalaa hin baane.
JDG 3:30 Gaafa sana Moʼaab harka Israaʼelitti galfamte; biyyattiinis waggaa saddeettamaaf nagaa argatte.
JDG 3:31 Eehuuditti aanee Shamgaar ilmi Anaat kaʼe; innis ulee ittiin qotiyyoo tuttuqaniin Filisxeemota dhibba jaʼa fixe. Akkasiinis Israaʼeloota baraare.
JDG 4:1 Erga Eehuud duʼee booddee Israaʼeloonni ammas fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan.
JDG 4:2 Kanaafuu Waaqayyo Yaabiin mootii Kanaʼaan kan Haazoor taaʼee bulchaa turetti dabarsee isaan gurgure. Ajajaan loltoota isaa Siisaaraa jedhama ture; innis Harooshet Hagooyim keessa jiraata ture.
JDG 4:3 Inni sababii gaariiwwan sibiilaa dhibba sagal qabuuf waggaa digdama akka malee Israaʼeloota hacuuce; isaanis gargaarsa barbaacha Waaqayyotti iyyatan.
JDG 4:4 Yeroo sanatti niitiin Lafiidoot Debooraan raajittiin Israaʼelin bulchaa turte.
JDG 4:5 Isheenis biyya gaaraa Efreemitti Muka Meexxii Debooraa kan Raamaa fi Beetʼeel gidduutti argamu sana jala teessee murtii kennaa turte. Sabni Israaʼelis murtii argachuuf gara ishee dhufaa ture.
JDG 4:6 Isheenis Baaraaqi ilma Abiinooʼam biyya Niftaalem magaalaa Qaadeshiitii waamsifatee akkana jetteen; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhee si ajaja; ‘Kaʼi; gosa Niftaalemii fi gosa Zebuuloon keessaa nama kuma kudhan fudhadhuutii Tulluu Taabooriitti ol baʼi.
JDG 4:7 Anis Siisaaraa, ajajaa loltoota Yaabiin sana gaariiwwan lolaatii fi loltoota isaa wajjin akka inni gara Laga Qiishoonitti baʼu nan kakaasa; isas harka keetti dabarsee nan kenna.’ ”
JDG 4:8 Baaraaqis, “Yoo ati na wajjin deemte, ani nan deema; yoo ati na wajjin hin deemin garuu anis hin deemu” jedheen.
JDG 4:9 Debooraanis, “Ani dhugumaan si faana nan deema. Yoo ati haala kanaan deemte garuu ulfinni siʼiif hin taʼu; Waaqayyo dabarsee Siisaaraa harka dubartiitti kennaatii” jetteen. Kanaafuu Debooraan Baaraaqi faana gara Qaadesh deemte;
JDG 4:10 Baaraaqis achitti namoota gosa Zebuuloonii fi gosa Niftaalem walitti waame. Namoonni kuma kudhan isa duukaa buʼan; Debooraanis isa faana deemte.
JDG 4:11 Yeroo sanatti Hebeer namichi gosa Qeen abbaan niitii Musee sun Qeenota ilmaan Hoobaab kaan irraa citee Qaadesh biratti lafa Zaʼaanaaniim jedhamutti qilxuu guddaa jala dunkaana isaa dhaabbatee ture.
JDG 4:12 Siisaaraan yommuu akka Baaraaqi ilmi Abiinooʼam sun gara Tulluu Taabooritti ol baʼee dhagaʼetti,
JDG 4:13 gaariiwwan sibiilaa dhibba sagalii fi loltoota isaa kanneen Harooshet Hagooyimii hamma Laga Qiishoonitti argaman hundumaa walitti qabate.
JDG 4:14 Kana irratti Debooraan Baaraaqiin, “Kaʼi! Guyyaan Waaqayyo Siisaaraa dabarsee harka keetti kenne harʼa. Kunoo Waaqayyo si dura baʼeera” jette. Kanaafuu Baaraaqi namoota kuma kudhan fudhatee Tulluu Taaboor irraa gad buʼe.
JDG 4:15 Waaqayyos akka Siisaaraan, gaariiwwan isaatii fi loltoonni isaa hundinuu goraadeedhaan fuula Baaraaqi duratti moʼatamanii duubatti deebiʼan godhe; Siisaaraan gaarii isaa irraa buʼee miillaan baqate.
JDG 4:16 Baaraaqi garuu gaariiwwanii fi loltoota Siisaaraa hamma Harooshet Hagooyimiitti ariʼe; loltoonni Siisaaraa hundinuu goraadeedhaan dhuman. Namni tokko iyyuu hin hafne.
JDG 4:17 Siisaaraan garuu sababii Yaabiin mooticha Haazoorii fi Hebeer namicha balbala Qeen sana gidduu hariiroon gaariin tureef gara dunkaana Yaaʼeel niitii Hebeer sanaatti miillaan baqate.
JDG 4:18 Yaaʼeelis Siisaaraa simachuuf gad baatee, “Kottu yaa gooftaa koo; kottu ol seeni; hin sodaatin” isaan jette. Innis dunkaana ishee seene; isheenis wayyaa isa irra buuftee dhoksite.
JDG 4:19 Innis, “Ani dheebodheera; maaloo bishaan naa kenni” jedheen. Isheenis qabee aannanii bantee waan inni dhugu kenniteefii isa dhoksite.
JDG 4:20 Innis, “Balbala dunkaanaa dura dhaabadhu; yoo eenyu iyyuu dhufee, ‘Namni as jiraa?’ siin jedhe, ‘hin jiru’ jedhi” isheen jedhe.
JDG 4:21 Yaaʼeel niitiin Hebeer garuu utuu Siisaaraan hirriba cimaa keessa jiruu qofoo dunkaanaa fi burruusa fudhattee suuta jettee bira geesse. Qofoo sanaanis isa waraantee lafatti hodhite; innis ni duʼe.
JDG 4:22 Yommuu Baaraaqi Siisaaraa duukaa buʼee dhufettis, Yaaʼeel isa simachuudhaaf gad baatee, “Kottu nama ati barbaaddu sittan argisiisaa” jetteen. Kanaafuu inni ishee wajjin gara dunkaanichaatti ol seenee Siisaaraa akkuma illeen isaa qofoodhaan waraanametti reeffa isaa arge.
JDG 4:23 Waaqnis gaafa sana akka Yaabiin mootiin Kanaʼaanotaa fuula Israaʼelootaa duratti moʼatamu godhe.
JDG 4:24 Harki Israaʼelootaas hamma isaan Yaabiin mooticha Kanaʼaanotaa galaafatanitti jajjabaachaa deeme.
JDG 5:1 Gaafas Debooraa fi Baaraaqi ilmi Abiinooʼam akkana jedhanii faarfatan:
JDG 5:2 “Yommuu ilmaan moototaa Israaʼelin hoogganan, yommuu sabni Israaʼelis jaallatee of kennutti Waaqayyoon galateeffadhaa!
JDG 5:3 “Yaa mootota, waan kana dhagaʼaa! Bulchitoonnis dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon nan faarfadha; amma illee nan faarfadha; Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif nan weeddisa.
JDG 5:4 “Yaa Waaqayyo, yeroo ati biyya Seeʼiirii baate, yeroo ati biyya Edoomii kaate, lafti ni sochoote; samiiwwanis bokkaa, duumessoonnis bishaan gad roobsan.
JDG 5:5 Tulluuwwan fuula Waaqayyo Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqayyo Waaqa Israaʼel duratti ni raafaman.
JDG 5:6 “Bara Ilma Anaat, jabana Shamgaar, bara Yaaʼeel keessa daandiiwwan ni onan; karaa deemtonnis daandii jajalʼaa irra deeman.
JDG 5:7 Hamma ani Debooraan, haadha taʼee Israaʼeliif kaʼutti, gandoonni Israaʼel duwwaa hafu.
JDG 5:8 Yommuu isaan waaqota haaraa filatanitti, waraanni hamma karra magaalaatti dhufe; gaachanni yookaan eeboon tokko, Israaʼeloota kuma afurtama gidduutti hin argamne.
JDG 5:9 Garaan koo bulchitoota Israaʼel kanneen fedhiidhaan saba gidduutti argaman wajjin jira. Waaqayyoon leellisaa!
JDG 5:10 “Isin warri harroota adaadii yaabbatan, warri kooraa baladii qabu irra teessan, warri karaa irra deemtan hubadhaa;
JDG 5:11 sagalee faarfattootaa dhagaʼaa. Isaan hojii qajeelummaa Waaqayyoo, hojii qajeelummaa loltoonni isaa Israaʼel keessatti godhan odeessu. “Ergasii saboonni Waaqayyoo, gara karra magaalattiitti gad buʼan.
JDG 5:12 ‘Yaa Debooraa! Dammaqi; dammaqi; dammaqi; dammaqi; faarfannaas faarfadhu! Yaa Baaraaqi! Dammaqi; yaa ilma Abiinooʼam boojiʼamtoota kee boojiʼii fudhadhu.’
JDG 5:13 “Namoonni hafanis, gara warra gurguddaatti gad buʼan; sabni Waaqayyoos, akka loltuu jabaatti gara koo dhufe.
JDG 5:14 Warri hiddi isaanii Amaaleq keessa jiru tokko tokkos Efreem dhufan; Beniyaamis namoota si duukaa buʼan wajjin ture. Ajajjoonni loltoota Maakiir, warri bokkuu ajajjuu qabatanis Zebuuloonii gad buʼan.
JDG 5:15 Hangafoonni Yisaakor Debooraa wajjin turan; Yisaakoris Baaraaqi wajjin ture; innis Baaraaqi wajjin gara sululaatti gad buʼe. Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaatu ture.
JDG 5:16 Ati maaliif marʼachuu isaanii dhagaʼuuf jettee gola bushaayee keessa turte? Gosa Ruubeen gidduu, qorannoo yaadaa guddaa isaatu ture.
JDG 5:17 Giliʼaad Yordaanos gama taaʼe; Daan maaliif dooniiwwan keessatti hafe? Aasheer qarqara galaanaatti hafe; buufata isaa keessas ture.
JDG 5:18 Sabni Zebuuloon duʼaaf of saaxile; Niftaalemis gaarran biyya isaa irratti akkasuma godhe.
JDG 5:19 “Mootonni dhufanii lolan; mootonni Kanaʼaanis Taʼanaakitti bishaanota Megidoo biratti lolan; boojuu meetii tokko illee hin fudhanne.
JDG 5:20 Samii keessaa urjiiwwan ni lolan; adeemsa isaanii irrattis Siisaaraadhaan lolan.
JDG 5:21 Lagni durii, lagni Qiishoon, lagni Qiishoon sun haxaaʼee isaan fudhate. Yaa lubbuu ko, jabaadhuu fuul duratti deemi!
JDG 5:22 Kotteen fardeenii guddisee didiche; ni gulufan; jabeessaniis gulufan.
JDG 5:23 Ergamaan Waaqayyoos, ‘Meerozin abaaraa. Saba ishees jabeessaatii abaaraa; akka Waaqayyo warra jajjabootti kaʼu gargaaruudhaaf, isaan Waaqayyoon gargaaruudhaaf hin dhufneetii’ jedhe.
JDG 5:24 “Yaaʼeel niitiin Hebeer Qeenichaa sun dubartoota hunda keessaa haa eebbifamtu; isheen dubartoota dunkaana keessa jiraatan hunda keessaa haa eebbifamtu.
JDG 5:25 Inni bishaan kadhate; isheen immoo aannan kenniteef; qabee ulfinaatti itittuu dhiʼeessiteef.
JDG 5:26 Harka ishee gara qofoo dunkaanaatti hiixatte; harka ishee mirgaatiin burruusa fudhatte; isheenis Siisaaraa dhooftee mataa isaa buruqsite; waraantees illee isaa keessa fullaafte.
JDG 5:27 Innis miilla ishee jalatti gombifame; kufee diriires. Miilla ishee jalatti gombifame; ni kufe; iddoo gombifamettis kufee duʼe.
JDG 5:28 “Haati Siisaaraa foddaa keessaan gad ilaalte; qaawwa keessaanis iyyitee, ‘Gaariin isaa maaliif dhufuuf lafa irra harkifate? Didichuun gaariiwwan isaa maaliif ture?’ jette.
JDG 5:29 Dubartoota ishee keessaa isheen ogeettiin deebii kenniteef; taʼus isheen ofuma isheetiin deebiftee,
JDG 5:30 ‘Isaan boojuu argatanii addaan qoodachuutti jiru mitii? Tokkoon tokkoon namaa dubartii tokko tokko yookaan lama lama argata mitii? Siisaaraadhaaf uffanni boojuu kan halluudhaan faayeffame, uffanni halluudhaan miidhagfamee hodhame, morma kootiif immoo uffata akka malee miidhagfamee hodhame qoodu mitii? Kun hundi boojuu dha.’
JDG 5:31 “Kanaafuu yaa Waaqayyo, diinonni kee hundi haa barbadaaʼani! Warri si jaallatan garuu akka biiftuu, ishee humna guutuun baatu sanaa haa taʼan.” Ergasii biyyattiin waggaa afurtama nagaa argatte.
JDG 6:1 Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; innis dabarsee waggaa torbaaf harka Midiyaanotaatti isaan kenne.
JDG 6:2 Israaʼeloonni sababii harki Midiyaanotaa isaanitti jabaateef tulluuwwan irratti, holqaa fi daʼannoo jabaa keessatti ofii isaaniitiif iddoo jiraatanii fi iddoo itti daʼatan qopheeffatan.
JDG 6:3 Yeroo Israaʼeloonni midhaan facaafatan hunda Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuu kaan dhufanii isaan weeraru turan.
JDG 6:4 Achis qubatanii midhaan hamma Gaazaatti jiru hundumaa balleessan; isaan waan lubbuu qabu hoolota, loon yookaan harroota tokko illee Israaʼelootaaf hin hambifne.
JDG 6:5 Akkuma tuuta hawwaannisaattis horii fi dunkaana isaanii fudhatanii isaan irra yaaʼan. Namootaa fi gaalawwan isaanii lakkaaʼuun hin dandaʼamu ture; isaanis biyya sana barbadeessuudhaaf weeraran.
JDG 6:6 Sababii Midiyaanonni akka malee isaan hiyyoomsaniif Israaʼeloonni gargaarsa barbaacha gara Waaqayyootti iyyatan.
JDG 6:7 Yeroo Israaʼeloonni sababii Midiyaanotaatiif gara Waaqayyootti iyyatanitti,
JDG 6:8 inni raajii akkana jedhee dubbatu tokko isaaniif erge; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani biyya Gibxi, biyya garbummaatii baaseen isin fide.
JDG 6:9 Ani humna warra Gibxii fi harka cunqursitootaa jalaa isin furee fuula keessan duraas ariʼee isaan baasee biyya isaanii isinii kenneera.
JDG 6:10 Isiniinis, ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan; waaqota Amoorotaa kanneen isin biyya isaanii keessa jiraattan sanaa hin waaqeffatinaa’ jedheera. Isin garuu sagalee koo hin dhageenye.”
JDG 6:11 Ergamaan Waaqayyoos ganda Ofraa jedhamu dhufee qilxuu Yooʼaash namicha sanyii Abiiʼezer sanaa jala taaʼe; Gidewoon ilmi Yooʼaash immoo akka Midiyaanonni hin argineef iddoo wayiniin itti cuunfamutti dhoksee qamadii dhaʼata ture.
JDG 6:12 Ergamaan Waaqayyoos isatti mulʼatee, “Yaa loltuu goota nana, Waaqayyo si wajjin jira” jedheen.
JDG 6:13 Gidewoon garuu akkana jedhee deebise; “Garuu yaa gooftaa, utuu Waaqayyo nu wajjin jiraatee wanni kun hundi maaliif nurra gaʼa? Dinqiiwwan isaa kanneen abbootiin keenya, ‘Waaqayyo biyya Gibxiitii nu baaseera’ jedhanii nutti himan sun hundi eessa jiru ree? Amma garuu Waaqayyo nu dhiisee harka Midiyaanotaatti dabarsee nu kenneera.”
JDG 6:14 Waaqayyo gara Gidewoonitti garagalee, “Humna qabdu kanaan dhaqiitii harka Midiyaanotaa jalaa Israaʼeloota bilisa baasi. Anatu si ergaa jira mitii?” jedheen.
JDG 6:15 Gidewoon garuu, “Yaa Gooftaa, gosti koo sanyii Minaasee keessaa baayʼee dadhabaa dha; anis maatii koo keessaa nama gad aanaa dha. Egaa ani akkamittin saba Israaʼel bilisoomsuu dandaʼa ree?” jedhee gaafate.
JDG 6:16 Waaqayyos, “Ani si wajjin jira; atis Midiyaanota hunda walitti qabdee dhoofta” jedhee deebiseef.
JDG 6:17 Gidewoonis akkana jedhee deebise; “Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, kan natti dubbachaa jiru dhugumaan siʼi taʼuu mallattoo na argisiisi.
JDG 6:18 Maaloo hamma ani deebiʼee aarsaa koo fidee fuula kee duratti dhiʼeessutti hin deemin.” Waaqayyos, “Ani hamma ati deebitutti sin eega” jedheen.
JDG 6:19 Gidewoon gara mana isaa deemee ilmoo reʼee tokko qalee qopheessee daakuu iifii tokkoo fuudhee buddeena raacitii hin qabne tolche. Foon sanas gundoo irra kaaʼee bishaan foon sanaa immoo okkoteetti naqee fiduudhaan qilxuu jalatti aarsaa isaaf dhiʼeesse.
JDG 6:20 Ergamaan Waaqaas, “Foonii fi Maxinoo kana fuudhiitii kattaa kana irra kaaʼi; bishaan isaa immoo dhangalaasi” jedhe. Gidewoonis akkasuma godhe.
JDG 6:21 Ergamaan Waaqayyoo sunis fiixee ulee harka isaa tureetiin foonii fi Maxinoo sana tuqe. Ibiddi kattaa keessaa baʼee foonii fi Maxinoo sana nyaate. Ergamaan Waaqayyoos fuula isaa duraa dhabame.
JDG 6:22 Gidewoon yommuu akka ergamaa Waaqayyoo arge beeketti, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa! Ani ifaan ifatti ergamaa Waaqayyoo argeeraatii!” jedhe.
JDG 6:23 Waaqayyo garuu, “Nagaan siif haa taʼu! Hin sodaatin, ati hin duutuutii” jedheen.
JDG 6:24 Kanaafuu Gidewoon Waaqayyoof achitti iddoo aarsaa ijaaree, “Waaqayyo Nagaa dha” jedhee moggaase. Iddoon aarsaa kun hamma harʼaatti lafa Abiiʼezerootaa irra iddoo Ofraa jedhamu dhaabateera.
JDG 6:25 Waaqayyo halkanuma sana akkana isaan jedhe; “Karra loon abbaa keetii keessaa korma lammaffaa kan waggaa torba guute tokko fuudhi. Iddoo aarsaa kan abbaan kee Baʼaaliif tolche diigi; utubaa Aasheeraa kan isa bira dhaabames jigsi.
JDG 6:26 Fiixee gaara kanaa irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa bareedaa isaa tolchi. Qoraan utubaa Aasheeraa kan jigsite sanattis fayyadamii korma lammaffaa sana aarsaa gubamu godhiitii dhiʼeessi.”
JDG 6:27 Gidewoonis hojjettoota isaa keessaa nama kudhan fudhatee akkuma Waaqayyo isatti hime sana godhe. Garuu waan maatii isaatii fi namoota magaalaa sana jiraatan sodaateef guyyaa adiin gochuu irra halkan filate.
JDG 6:28 Ganama barii yommuu namoonni magaalaa sanaa hirribaa kaʼanitti iddoon aarsaa Baʼaal diigamee, utubaan Aasheeraas kufee kormi lammaffaan iddoo aarsaa haaraa tolfame sana irratti qalamee ture!
JDG 6:29 Isaanis, “Eenyutu waan kana hojjete?” jedhanii wal gaafatan. Yommuu gad fageenyaan qoratanittis, “Gidewoon ilma Yooʼaashitu waan kana godhe” jedhan.
JDG 6:30 Namoonni magaalaa sanaas Yooʼaashiin, “Ilma kee gad baasi. Inni sababii iddoo aarsaa Baʼaal diigee utubaa Aasheeraas jigseef ajjeefamuu qaba” jedhan.
JDG 6:31 Yooʼaash garuu saba aariidhaan guutamee isa marse sanaan akkana jedhe; “Isin Baʼaaliif falmuu barbaaddu? Isas oolchuu feetuu? Namni isaaf falmu yoo jiraate inni ganama haa duʼu! Baʼaal utuu dhugumaan Waaqa taʼee yommuu namni tokko iddoo aarsaa isaa diigu inni of irraa dhowwuu dandaʼa ture.”
JDG 6:32 Kanaafuu isaan sababii inni iddoo aarsaa isaa jalaa diigeef, “Baʼaal mataan isaa haa falmatu” jechuudhaan Gidewooniin, “Yerub-Baʼaal” jedhanii waaman.
JDG 6:33 Ergasiis Midiyaanonni hundi, Amaaleqoonnii fi namoonni karaa baʼa biiftuu humna isaanii walitti dabalatanii Yordaanos ceʼuudhaan Sulula Yizriʼeel keessa qubatan.
JDG 6:34 Hafuurri Waaqayyoos dhufee Gidewoon irra buʼe; innis akka Abiiʼezeroonni isa duukaa buʼaniif waamuuf malakata afuufe.
JDG 6:35 Guutummaa Minaasee keessas ergamoota ergate; isaanis isa duukaa buʼuuf walitti qabaman; akkasumas gara Aasheer, Zebuuloonii fi Niftaalemitti ergate; isaanis jara simachuuf gad yaaʼan.
JDG 6:36 Gidewoonis Waaqaan akkana jedhe; “Yoo ati akkuma waadaa galtetti harka kootiin Israaʼel furte,
JDG 6:37 kunoo, ani wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame tokko oobdii irra nan diriirsa. Yoo rifeensa hoolaa sana qofa irra fixeensi buʼee lafti immoo goggogaa taʼe, ani akka ati akkuma jette sana harka kootiin Israaʼel furtu nan beeka.”
JDG 6:38 Wanni sunis akkasuma taʼe. Gidewoonis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼe; yeroo inni wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame sana micciirettis bishaan waciitii guutuutu keessaa cuunfame.
JDG 6:39 Kana irratti Gidewoon Waaqaan, “Natti hin dheekkamin. Amma illee waan tokkon si gaafadha. Akka ani rifeensa hoolaa sana irratti yaalii biraa godhuuf naa eeyyami. Amma immoo rifeensa sana goggogsiitii fixeensa lafatti uffisi.”
JDG 6:40 Waaqnis halkan sana akkasuma godhe. Rifeensa hoolaa sana qofatu goggogaa ture; lafti guutuun fixeensaan haguugamee ture.
JDG 7:1 Yerub-Baʼaal namichi Gidewoon jedhamu sunii fi namoonni isaa hundi ganama kaʼanii burqaa Harood bira qubatan. Qubanni Midiyaanotaa iddoo namoonni Gidewoon qubatan sanaan karaa kaabaatiin gaara Mooree bira sulula keessa ture.
JDG 7:2 Waaqayyos Gidewooniin akkana jedhe; “Akka ani Midiyaanota dabarsee harka isaaniitti hin kennineef Israaʼeloonni si wajjin jiran akka male baayʼee dha. Akka sabni Israaʼel, ‘Jabina kootu na oolche’ jedhee natti hin koorreef,
JDG 7:3 ‘Namni sodaatee hollate kam iyyuu Tulluu Giliʼaad dhiisee gara mana isaatti haa deebiʼu’ jedhiitii amma sabatti himi.” Kanaafuu namoonni kuma digdamii lama deebiʼanii kuma kudhan achitti hafan.
JDG 7:4 Waaqayyo garuu Gidewooniin akkana jedhe; “Amma iyyuu namoota baayʼeetu jira. Isaan fudhadhuutii gara bishaaniitti gad buʼi; ani achitti isaan gargari siif foʼa. Yoo ani, ‘Inni kun si wajjin ni deema’ jedhe, inni ni deema; yoo ani, ‘Inni kun si wajjin hin deemu’ jedhe garuu inni hin deemu.”
JDG 7:5 Kanaafuu Gidewoon namoota gara bishaaniitti gad buuse. Waaqayyos achitti, “Warra akkuma sareetti arrabaan bishaan dhugan, warra jilbeenfatanii dhugan irraa gargari baasi” isaan jedhe.
JDG 7:6 Namoonni dhibba sadii konyee isaaniitiin waraabbatanii dhugan. Warri hafan hundi garuu dhuguuf jilbeenfatan.
JDG 7:7 Waaqayyo Gidewooniin, “Ani namoota harka isaaniitiin dhugan dhibba sadan kanaan si furee Midiyaanota dabarsee harka keetti nan kenna. Warri kaan hundi gara qeʼee isaaniitti haa deebiʼan” jedheen.
JDG 7:8 Kanaafuu Gidewoon akka Israaʼeloonni hafan hundi gara dunkaana isaaniitti deebiʼan godhee namoota dhibba sadan garuu turfate; isaanis warra kaan irraa galaa fi malakata fudhatan. Qubanni Midiyaanotaas Gidewooniin gad sulula keessa ture.
JDG 7:9 Halkanuma sana Waaqayyo Gidewooniin akkana jedhe; “Kaʼiitii qubata sanatti gad buʼi; ani dabarsee harka keetti siifin kennaatii.
JDG 7:10 Ati yoo gad buʼuu sodaatte garuu tajaajilaa kee Fuuraa wajjin gara qubata sanaatti gad buʼiitii
JDG 7:11 waan isaan dubbachaa jiran dhagaʼi. Sana booddee qubata sana rukutuudhaaf jabina ni argatta.” Kanaafuu innii fi tajaajilaan isaa Fuuraan gara moggaa qubata sanaatti gad buʼan.
JDG 7:12 Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuutii dhufan hundi akkuma hoomaa hawwaannisaa walitti gobbatanii sululicha keessa qubatanii turan. Baayʼinni gaalawwan isaaniis akkuma cirracha qarqara galaanaa lakkoobsa hin qabu ture.
JDG 7:13 Gidewoonis utuu namichi tokko waaʼee abjuu isaa michuu ofii isaatti himuu achi gaʼe. Namichi sunis akkana jedhe; “Ani abjuu tokko nan abjoodhe; kunoo maxinoon garbuu tokko gangalachaa dhufee qubata Midiyaanotaa irra buʼe. Innis dhufee akka dunkaanni jiguuf humnaan dhaʼe; dunkaanni sunis ni kufe.”
JDG 7:14 Michuun isaas deebisee, “Kun goraadee Gidewoon ilma Yooʼaash Israaʼelichaati malee waan biraa miti. Waaqnis Midiyaanotaa fi guutummaa qubata sanaa dabarsee harka Gidewoonitti kenneera” jedhe.
JDG 7:15 Gidewoon yommuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa dhagaʼetti Waaqaaf sagade. Gara qubata Israaʼelootaattis deebiʼee, “Kaʼaa! Waaqayyo qubata Midiyaanotaa dabarsee harka keessanitti kenneeraa” jedhe.
JDG 7:16 Innis namoota dhibba sadan garee sadiitti qooduudhaan, harka hunda isaaniitti malakataa fi okkotee guci keessa jiru qabachiise.
JDG 7:17 Gidewoonis akkana isaaniin jedhe; “Na ilaalaa; waan ani hojjedhus hojjedhaa; yommuu ani qarqara qubatichaatti dhiʼaadhutti qalbeeffadhaatii waanuma ani godhu godhaa.
JDG 7:18 Yeroo anii fi warri na wajjin jiran hundii malakata keenya afuufnutti, isinis naannoo qubatichaa hundatti afuufaatii, ‘Waaqayyoof, Gidewooniifis’ jedhaa iyyaa.”
JDG 7:19 Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sun akkuma waardiyyoonni wal geeddaraniin jalqaba eegumsa walakkaa halkaniitti qarqara qubata sanaa bira gaʼan. Isaanis malakata isaanii afuufanii okkotee harka isaanii jiru caccabsan.
JDG 7:20 Gareen sadanuu malakata isaanii afuufanii okkotee harka isaanii jiru caccabsan. Harka bitaatti guca, harka mirgaatti immoo malakata afuufan qabatanii, “Goraadee Waaqayyootii fi Gidewoon!” jedhanii iyyan.
JDG 7:21 Tokkoon tokkoon namaas naannoo qubatichaatti iddoo kennameef qabate; Midiyaanonni hundis iyyaa baqatan.
JDG 7:22 Yeroo malakanni dhibbi sadan sun afuufametti Waaqayyo akka namni qubata sana keessa ture tokko tokkoon goraadee isaa walitti luqqifatu godhe; raayyaan waraanaas karaa Zereeraatiin gara Beet Shiixaatti, isa biras darbanii hamma daarii Abeel Mehoolaa ishee Xabaati bira jirtu sanaatti baqatanii deeman.
JDG 7:23 Israaʼeloonnis Niftaalem, Aasheerii fi Minaasee hundumaa keessaa waamanii Midiyaanota of dura ariʼan.
JDG 7:24 Gidewoonis guutummaa biyya gaaraa Efreemitti ergamoota ergee, “Kottaa Midiyaanotatti duulaatii bishaanota hamma Beet Baaraatti jiranii fi laga Yordaanos isaan dursaatii qabadhaa” jedhe. Kanaafuu namoonni Efreem hundi baʼanii bishaanota hamma Beet Baaraatti jiranii fi laga Yordaanos qabatan.
JDG 7:25 Akkasumas hooggantoota Midiyaanotaa lamaan jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin qabatan. Hereeb kattaa Hereeb biratti Zeʼeeb immoo iddoo wayinii itti cuunfan kan Zeʼeebiitti ajjeesan. Isaanis Midiyaanota ariʼanii mataa Hereebii fi mataa Zeʼeeb gara gama laga Yordaanos Gidewoonitti fidan.
JDG 8:1 Namoonni Efreem, “Ati maaliif akkana nu goote? Yeroo Midiyaanin dhaʼuuf duultetti maaliif nu hin waamin?” jedhanii Gidewoon gaafatan. Akka malees isatti dheekkaman.
JDG 8:2 Inni immoo akkana jedhee deebiseef; “Wanni ani hojjedhe yoo waan isin hojjettaniin wal bira qabame gatii maalii qaba? Qarmiin wayinii Efreem oomisha wayinii Abiiʼezer sana hunda hin caaluu?
JDG 8:3 Waaqni hooggantoota Midiyaanotaa jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin dabarsee harka keessanitti kenneera. Egaa ani waan isin hojjettaniin wajjin kan wal qixxaatu maal hojjechuun dandaʼa ture?” Yommuu inni waan kana jedhettis aariin isaan isatti aaran ni qabbanaaʼe.
JDG 8:4 Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sadan dhufanii Yordaanos ceʼan; isaan akka malee dadhaban iyyuu ittuma fufanii jara ariʼan.
JDG 8:5 Innis namoota Sukootiitiin, “Loltoota kootiif buddeena kennaa; isaan baayʼee na duraa dadhabaniiruutii; ani amma iyyuu mootota Midiyaanotaa jechuunis Zebaa fi Zalmunaa ariʼaa jira” jedhe.
JDG 8:6 Qondaaltonni Sukoot garuu, “Loltoota keetiif nu buddeena kan kenninu ati Zebaa fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?” jedhaniin.
JDG 8:7 Gidewoonis deebisee, “Tole kaa, yommuu Waaqayyo dabarsee Zebaa fi Zalmunaa harka kootti kennutti ani qoraattii gammoojjiitii fi arangamaadhaan foon keessan ciccira” jedheen.
JDG 8:8 Achiis gara namoota Phenuuʼeel dhaqee akkuma warra duraa sana kadhatetti isaanis gaafate; isaan garuu akkuma warri Sukoot deebisanitti deebii kennan.
JDG 8:9 Kanaafuu inni namoota Phenuuʼeeliin, “Ani yeroo moʼadhee deebiʼutti gamoo kana nan jigsa” jedhe.
JDG 8:10 Yeroo sanatti Zebaa fi Zalmunaan loltoota isaanii kanneen kuma kudha shanitti hedaman wajjin iddoo Qarqari jedhamu turan; isaan kunneenis loltoota namoota baʼa biiftuutii walitti qabaman keessaa hafan hundaa dha; warri goraadee hidhatan kumni kudha lama dhumanii turaniitii.
JDG 8:11 Gidewoonis karaa warra baʼa Noobaahiitii fi Yogbihaatiin dunkaana keessa jiraatanii baʼee loltoota homaa hin birʼatin dhaʼe; raayyaan waraanaa sun of dagatee tureetii.
JDG 8:12 Mootonni Midiyaan lamaan jechuunis Zebaa fi Zalmunaan ni baqatan; Gidewoon garuu ariʼee isaan qabate; loltoota isaaniis gargari bittinneesse.
JDG 8:13 Ergasii Gidewoon ilmi Yooʼaash karaa Malkaa Herees baʼee duulaa gale.
JDG 8:14 Innis dargaggeessa Sukoot tokko qabee qorate; dargaggeessi sunis maqaa qondaaltota Sukootii fi maanguddoota magaalattii walumatti maqaa nama torbaatamii torba barreessee kenneef.
JDG 8:15 Gidewoonis dhufee namoota Sukootiin, “Zebaa fi Zalmunaan isin, ‘Nu namoota kee warra dadhabaniif buddeena kan kenninu ati Zaabiheelii fi Zalmunaa harka keetti galfatteertaa?’ jettanii waaʼee isaanii natti qoostan sun kunoo ti” jedhe.
JDG 8:16 Innis maanguddoota magaalaa sanaa fuudhee qoraattii fi arangamaa gammoojjiitiin adabuudhaan namoota Sukootiitiif barumsa kenne.
JDG 8:17 Gamoo Phenuuʼeelis jigsee namoota magaalattii fixe.
JDG 8:18 Ergasiis inni, “Namoonni isin Taabooritti fixxan warra akkamiitii?” jedhee Zebaa fi Zalmunaa gaafate. Isaanis, “Namootuma akka keessanii kanneen hundi isaanii ilmaan mootii fafakkaatanii dha” jedhaniin.
JDG 8:19 Gidewoonis deebisee, “Isaan obboloota koo ilmaanuma haadha kootii turan. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, utuu isin isaan ajjeesuu baattanii ani isin hin ajjeesu ture” jedhe.
JDG 8:20 Innis gara Yeteer ilma isaa hangaftichaatti garagalee, “Kaʼiitii isaan fixi!” jedheen. Yeeteer garuu sababii ijoollee taʼeef sodaatee goraadee isaa hin luqqifanne.
JDG 8:21 Ergasiis Zebaa fi Zalmunaan, “Kaʼiitii atumti nu ajjeesi; ‘Jabinni namaa akkuma dhagna isaatii’ ” jedhaniin. Gidewoonis kaʼee isaan ajjeese; faaya morma gaalawwan isaaniis fudhate.
JDG 8:22 Namoonni Israaʼelis Gidewooniin, “Ati waan harka Midiyaanotaa jalaa nu baafteef ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii nu bulchaa” jedhan.
JDG 8:23 Gidewoon garuu, “Ani isin hin bulchu; ilmi koos isin hin bulchu. Waaqayyotu isin bulcha” isaaniin jedhe.
JDG 8:24 Innis, “Ani waa tokko isin kadhadha; kunis akka tokkoon tokkoon keessan qooda boojuu keessanii irraa lootii naa kennitanii dha” jedhe. Lootii warqee kaaʼachuun bartee Ishmaaʼeelootaa tureetii.
JDG 8:25 Isaanis, “Nu gammachuudhaan kennina” jedhanii deebisan. Kanaafuu wayyaa lafa irra diriirsanii tokkoon tokkoon namaa boojuu isaa irraa lootii itti darbate.
JDG 8:26 Amartiin warqee kan inni kadhate saqilii kuma tokkoo fi dhibba torba yookaan kiiloo giraamii kudha sagalii fi walakkaa ulfaata ture; kunis waan mormatti hidhatan, uffata diimaa dhiilgee kan mootonni Midiyaan uffatanii fi foncaa morma gaalawwan isaanii irra ture hin dabalatu.
JDG 8:27 Gidewoonis warqee sanaan dirata tolchee magaalaa itti dhalate Ofraa keessa kaaʼe. Israaʼeloonni hundis achitti efuudicha waaqeffachuudhaan sagaagalan. Kunis Gidewooniif maatii isaatti kiyyoo taʼe.
JDG 8:28 Midiyaanonnis akkasiin fuula Israaʼelootaa duratti moʼataman; lammatas mataa isaanii ol hin qabanne. Biyyattiinis bara Gidewoon keessa waggaa afurtama nagaa argatte.
JDG 8:29 Yerub-Baʼaal ilmi Yooʼaash achi jiraachuuf gara mana ofii isaatti deebiʼe.
JDG 8:30 Inni sababii niitota baayʼee fuudheef ilmaan torbaatama qaba ture.
JDG 8:31 Saajjatoon isaa kan Sheekem keessa jiraachaa turtes ilma deesseefii turte; innis Abiimelek jedhee isa moggaase.
JDG 8:32 Gidewoon ilmi Yooʼaash bara dheeraa jiraatee duʼe. Innis Ofraa biyya Abiiʼezerootaa keessatti, lafa awwaala abbaa isaa Yooʼaashitti awwaalame.
JDG 8:33 Akkuma Gidewoon duʼeen Israaʼeloonni amma illee Baʼaal wajjin sagaagalan. Baʼaal Beriitinis Waaqa isaanii godhatanii
JDG 8:34 Waaqayyo Waaqa isaanii kan harka diinota isaanii hundumaa jalaa isaan baase sana dagatan.
JDG 8:35 Isaanis maatii Yerub-Baʼaaliif jechuunis Gidewooniif waan gaarii inni isaaniif godhe hunda yaadatanii arjummaa hin gooneef.
JDG 9:1 Abiimelek ilmi Yerub-Baʼaal gara obboloota haadha isaa kanneen Sheekem keessa jiraatanii dhaqee isaanii fi gosa haadha isaa hundaan akkana jedhe;
JDG 9:2 “Jiraattota Sheekem hundumaan, ‘Kam isinii wayya? Yoo ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatamni isin bulchan moo yoo namni tokko isin bulche wayya?’ jedhaa gaafadhaa. Akka ani foonii fi dhiiga keessan taʼe immoo yaadadhaa.”
JDG 9:3 Obboloonni haadha isaas dubbii kana gurra Sheekemotaatiin gaʼan; garaan isaaniis gara Abiimelek goruu kajeele; isaan, “Inni obboleessa keenya” jedhaniiruutii.
JDG 9:4 Isaanis mana sagadaa Baʼaal Beriit keessaa meetii gara giraamii dhibba saddeet ulfaatu kennaniif; Abiimelekis meetii sanaan kashlabboota isa faana buʼan qaxarate.
JDG 9:5 Gara mana abbaa isaa kan Ofraatti argamuu dhaqee obboloota isaa ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatama dhagaa tokko irratti qale. Yootaam ilmi Yiruubaʼaal quxisuun garuu dhokatee isa jalaa miliqe.
JDG 9:6 Namoonni Sheekemii fi Beet Miiloo hundi Abiimelekin moosisuuf jedhanii Sheekemitti utubaa mukaa guddaa tokko biratti walitti qabaman.
JDG 9:7 Yootaam yommuu wanni kun itti himametti fiixee Gaara Gerziimitti ol baʼee sagalee guddaadhaan akkana isaaniin jedhe; “Yaa jiraattota Sheekem, akka Waaqni isin dhagaʼuuf na dhaggeeffadhaa.
JDG 9:8 Gaaf tokko mukkeen mootii moosifachuuf baʼan; isaanis muka ejersaatiin, ‘Mootii nuu taʼi’ jedhan.
JDG 9:9 “Mukni ejersaa garuu, ‘Ani mukkeen hundaa olitti raafamuudhaaf jedhee zayitii koo kan Waaqnii fi namni ittiin kabajaman dhowwadhuu ree?’ jedhee deebise.
JDG 9:10 “Itti aansaniis mukkeen muka harbuutiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
JDG 9:11 “Mukni harbuu garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhee ija koo miʼaawaa fi gaarii sana kennuu dhiisuu ree?’ jedhe.
JDG 9:12 “Mukkeenis muka wayiniitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
JDG 9:13 “Mukni wayinii garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhe daadhii wayinii kootii kan Waaqaa fi nama gammachiisu sana kennuu dhiisuu?’ jedhe.
JDG 9:14 “Dhuma irrattis mukkeen hundi muka qoraattiitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
JDG 9:15 “Mukni qoraattiis mukkeeniin, ‘Isin yoo dhugumaan na moosifachuu feetan, kottaatii gaaddisa koo jalatti daʼeeffadhaa; yoo akkas taʼuu baate garuu ibiddi muka qoraattii keessaa baʼee birbirsa Libaanoon haa barbadeessu!’ jedhe.
JDG 9:16 “Egaa isin Abiimelekin moosisuun keessan yoo karaa dhugaatii fi amanamummaan taʼe, yoo Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gochuuf taʼe, yoo waan isaaf malu isaaf gochuuf taʼe,
JDG 9:17 abbaan koo lubbuu isaa duʼaaf saaxilee harka Midiyaanotaa jalaa isin baasuuf isinii loleeraatii;
JDG 9:18 isin garuu harʼa maatii abbaa kootti kaatanii ilmaan isaa jechuunis nama torbaatama dhagaa tokko irratti qaltan; sababii inni fira keessan taʼeef Abiimelek ilma garbittii sana namoota Sheekem irratti moosiftan;
JDG 9:19 egaa yoo isin harʼa dhugaa fi amanamummaadhaan Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gootan, isin Abiimelekitti gammadaa; innis isinitti haa gammadu!
JDG 9:20 Akkas taʼuu baannaan garuu ibiddi mana Abiimelekii baʼee namoota Sheekemii fi Beet Miiloo haa fixu; akkasumas ibiddi namoota Sheekemii fi Beet Miiloo biraa baʼee Abiimelekin haa balleessu!”
JDG 9:21 Yootaamis Biʼeeritti baqatee sababii obboleessa isaa Abiimelekin sodaateef achuma jiraate.
JDG 9:22 Erga Abiimelek waggaa sadii Israaʼel bulchee booddee,
JDG 9:23 Waaqnis Abiimelekii fi namoota Sheekem gidduutti hafuura hamaa erge; Sheekemonnis Abiimelekitti daba hojjetan.
JDG 9:24 Waaqnis yakka ilmaan Yerub-Baʼaal torbaataman sanatti hojjetamee fi dhiiga isaanii kan dhangalaafame sanaaf, Abiimelek obboleessa isaanii kan isaan qale sanaa fi namoota Sheekem kanneen akka inni obboloota isaa fixuuf isa gargaaran sana haaloo baʼuuf waan kana godhe.
JDG 9:25 Namoonni Sheekemis akka isaan riphanii isa eegataniif fiixee gaaraa irra namoota kaaʼatan; isaanis nama achiin darbu hunda saamaan; wanni kunis Abiimelekitti odeeffame.
JDG 9:26 Yeroo kanatti Gaʼaal ilmi Ebeed obboloota isaa wajjin gara Sheekem dhufe; Sheekemonnis isa abdatan.
JDG 9:27 Isaanis erga gara lafa qotiisaa wayiniitti baʼanii wayinii walitti qabatanii booddee cuunfanii galma waaqa tolfamaa isaaniitti ayyaana ayyaaneffatan. Nyaatanii dhuganiis Abiimelekin abaaran.
JDG 9:28 Gaʼaal ilmi Ebeedis akkana jedhe; “Akka nu isaaf bulluuf Abiimelekii fi Sheekem eenyu? Abiimelek ilma Yerub-Baʼaal mitii? Zebulis itti aanaa isaa mitii? Isin namoota Hamoor abbaa Sheekem tajaajilaa! Nu maaliif Abiimelekin tajaajillaa?
JDG 9:29 Utuu sabni kun ajaja koo jala jiraatee silaa ani Abiimelekin lafa irraa nan balleessa ture; ‘Waraana kee dabaladhuutii gad baʼi!’ isaan nan jedhas ture.”
JDG 9:30 Zebul bulchaan magaalattii yeroo waan Gaʼaal ilmi Ebeed jedhe dhagaʼetti akka malee aare.
JDG 9:31 Akkana jedhees dhoksaadhaan gara Abiimelekitti ergamoota erge; “Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa gara Sheekem dhufanii saba magaalaa sitti kakaasaa jiru.
JDG 9:32 Kanaafuu atii fi namoonni kee halkaniin baatanii lafa qotiisaa keessa riphuu qabdu.
JDG 9:33 Ganama akkuma aduun baateenis magaalaa sana cabsaa seenaa. Yommuu Galaʼaalii fi namoonni isaa sitti dhufanittis waan harki kee hojjechuu malu kam iyyuu hojjedhu.”
JDG 9:34 Abiimelekis namoota isa wajjin turan hunda wajjin halkaniin kaʼee garee afuritti qoodamuudhaan Sheekemitti dhiʼaatee riphe.
JDG 9:35 Akkuma Gaʼaal ilmi Ebeed baʼee karra magaalaa sanaa irra dhaabateen, Abiimelek namoota isaa wajjin iddoo riphee ture sanaa itti gad baʼe.
JDG 9:36 Gaʼaal yommuu isaan argetti Zebuliin, “Kunoo namoonni fiixee gaarranii irraa gad dhufaa jiru!” jedhe. Zebulis deebisee, “Gaaddisa tulluuwwaniitu namoota sitti fakkaate” jedheen.
JDG 9:37 Gaʼaal garuu ammas deebisee, “Ilaali; namoonni handhuura lafaatii dhufaa jiru; gareen tokkos karaa muka abdaariitiin dhufaa jira” jedhe.
JDG 9:38 Zebulis, “Ati kan, ‘Akka nu isaaf bulluuf Abiimelek kun eenyu?’ jette, oduun kee sun amma meerre? Namoonni ati tuffatte isaan kana mitii? Mee baʼiitii jara loli kaa!” jedheen.
JDG 9:39 Kanaafuu Gaʼaal namoota Sheekem hoogganee Abiimelekin loluuf baʼe.
JDG 9:40 Abiimelekis isa ariʼe; innis duraa baqate; namoonni baayʼeenis madaaʼanii hamma karra magaalattiitti harcaʼan.
JDG 9:41 Abiimelek Aruumaa keessa ture; Zebul immoo Gaʼaalii fi obboloota isaa ariʼee Sheekem keessaa baase.
JDG 9:42 Guyyaa itti aanu namoonni Sheekem dirreetti baʼan; wanni kunis Abiimelekitti himame.
JDG 9:43 Innis namoota isaa fudhatee garee sadiitti qoodee dirree irratti riphee eeggate. Yeroo namoota magaalaa kaʼanii dhufaa jiran argettis isaan loluudhaaf kaʼe.
JDG 9:44 Abiimelekii fi gareen isa wajjin turan gara karra magaalattiitti gugatan. Gareen hafan lamaan immoo gara warra dirree irratti baʼanii turaniitti fiiganii isaan fixan.
JDG 9:45 Abiimelek gaafas guyyaa guutuu lolee magaalattii qabate; jiraattota ishees fixee magaalattii illee barbadeessee soogidda itti facaase.
JDG 9:46 Namoonni gamoo Sheekem keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti gara daʼannoo mana sagadaa Elbiriititti ol galan.
JDG 9:47 Abiimelekis yommuu akka namoonni Sheekem achitti walitti qabaman dhagaʼetti,
JDG 9:48 namoota isaa hundumaa wajjin Tulluu Zalmoonitti ol baʼe. Abiimelekis qottoo harkatti qabatee dameewwan mukaa mummuree ol fuudhee gatiittii isaatti baate. Namoota isa wajjin jiraniinis, “Dafaa! Waanuma anaa godhu argitan sana godhaa!” jedhe.
JDG 9:49 Namoonni hundinuus dameewwan mukaa mummuratanii Abiimelekin duukaa buʼan. Dameewwan sanas daʼannoo Sheekemonni itti baqatan sanatti irkisanii ibidda itti qabsiisan. Kanaafuu namoonni gamoo Sheekem keessa turan hundinuu dhiironnii fi dubartoonni gara kuma tokko taʼan dhuman.
JDG 9:50 Ergasiis Abiimelek gara Tebez dhaqee magaalaa sana marsee qabate.
JDG 9:51 Taʼus waan gamoon jabaan tokko magaalaa sana keessa tureef jiraattonni magaalaa sanaa dhiiraa dubartiin utuu hin hafin itti baqatan. Keessaanis ofitti cufanii bantii isaatti ol baʼan.
JDG 9:52 Abiimelekis dhufee gamoo sana dhaʼe; yommuu inni ibiddaan gubuudhaaf balbala gamoo sanaatti dhiʼaatetti garuu,
JDG 9:53 dubartiin tokko gubbaadhaa majii dhagaa itti gad dhiiftee buqqee mataa isaa cabsite.
JDG 9:54 Innis dafee dargaggeessa miʼa lolaa baatuuf tokko waamee, “Akka isaan, ‘dubartiitu isa ajjeese’ jechuu hin dandeenyeef goraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi” jedheen. Kanaafuu dargaggeessi sun isa waraane; innis ni duʼe.
JDG 9:55 Israaʼeloonnis yommuu akka Abiimelek duʼe arganitti gara mana isaaniitti deebiʼan.
JDG 9:56 Akkasiin Waaqni hammina Abiimelek obboloota isaa torbaatama qaluudhaan abbaa ofiitti hojjeteef gatii hojii isaa kenneef.
JDG 9:57 Akkasumas Waaqni hammina namoonni Sheekem hojjetan hunda matuma isaaniitti deebise. Abaarsi Yootaam ilma Yerub-Baʼaalis isaan irra gaʼe.
JDG 10:1 Erga Abiimelek duʼee booddee namichi gosa Yisaakor, Toolaan ilmi Phuwaa ilmi Doodoo Israaʼel baraaruuf kaʼe. Innis biyya gaaraa Efreem keessa Shaamiir jiraate.
JDG 10:2 Tolaan waggaa digdamii sadii Israaʼelin bulche; ergasiis duʼee Shaamiiritti awwaalame.
JDG 10:3 Isatti aanee Yaaʼiir namichi gosa Giliʼaad kaʼee waggaa kudha lama Israaʼelin bulche;
JDG 10:4 innis ilmaan soddoma kanneen harroota soddoma yaabbatan qaba ture. Isaanis magaalaawwan hamma harʼaatti gandoota Yaaʼiir jedhaman soddoma Giliʼaad keessaa qabu turan.
JDG 10:5 Yaaʼiiris duʼee Qaamonitti awwaalame.
JDG 10:6 Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan. Baʼaalii fi Ashtooreti akkasumas waaqota Sooriyaa, Siidoonaa, Moʼaab, Amoonii fi kan Filisxeem waaqeffatan. Waan Israaʼeloonni Waaqayyoon dhiisanii isa waaqeffachuu didaniif,
JDG 10:7 inni isaanitti dheekkame. Dabarsees harka Filisxeemotaatii fi Amoonotaatti isaan gurgure;
JDG 10:8 isaanis bara sana ijoollee Israaʼel gad cabsanii cunqursan. Israaʼeloota biyya Amoorotaa kan Giliʼaad keessa karaa baʼaatiin laga Yordaanos bira jiraatan hundumaa waggaa kudha saddeet akka malee cunqursan.
JDG 10:9 Amoononnis gosa Yihuudaa, gosa Beniyaamii fi mana Efreem waraanuudhaaf laga Yordaanos ceʼan. Israaʼeloonnis akka malee raafaman.
JDG 10:10 Kanaafuu Israaʼeloonni, “Nu si Waaqa keenya dhiifnee Baʼaal waaqeffachuudhaan yakka sitti hojjenneerra” jedhanii Waaqayyotti iyyatan.
JDG 10:11 Waaqayyos akkana jedhee deebiseef; “Yeroo warri Gibxi, Amooronni, Amoononni, Filisxeemonni,
JDG 10:12 Siidoononni, Amaaleqoonnii fi Maaʼoononni isin cunqursinaan isin natti iyyattanitti ani harka isaanii jalaa isin hin baafnee?
JDG 10:13 Isin garuu na dhiiftanii waaqota biraa waaqeffattan; kanaafuu ani siʼachi isin hin baasu.
JDG 10:14 Deemaatii waaqota filattan sanatti iyyadhaa. Yommuu isin rakkattan isaanumti isin haa oolchan!”
JDG 10:15 Israaʼeloonnis Waaqayyoon, “Nu cubbuu hojjenneera. Ati waan feete nu godhi; amma garuu maaloo nu baasi” jedhan.
JDG 10:16 Isaanis waaqota ormaa gidduu isaaniitii balleessanii Waaqayyoon waaqeffatan. Innis ergasii dhiphina Israaʼel calʼisee ilaaluu hin dandeenye.
JDG 10:17 Yeroo Amoononni Giliʼaaditti wal gaʼanitti Israaʼeloonnis wal gaʼanii Miisphaa qubatan.
JDG 10:18 Hooggantoonni namoota Giliʼaadis, “Namni jalqabatti Amoonotatti waraana banu inni jiraattota Giliʼaad hundaaf hoogganaa taʼa” waliin jedhan.
JDG 11:1 Yiftaan namichi gosa Giliʼaad sun goota ture. Abbaan isaa Giliʼaad jedhama; haati isaa immoo sagaagaltuu turte.
JDG 11:2 Niitiin Giliʼaadis Giliʼaadiif ilmaan deesse; isaanis yommuu guddatanitti Yiftaadhaan, “Ati waan dubartii biraa irraa dhalatteef dhaala tokko illee maatii keenya irraa hin argattu” jedhanii isa ariʼan.
JDG 11:3 Kanaafuu Yiftaan obboloota isaa duraa baqatee biyya Xoob jedhamu keessa jiraate; gareen kashlabbootaa naannoo isaatti walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
JDG 11:4 Yeroo xinnoo booddee, yommuu Amoononni saba Israaʼelitti waraana kaasanitti,
JDG 11:5 maanguddoonni Giliʼaad Yiftaa barbaacha gara Xoob deeman.
JDG 11:6 Isaanis, “Akka nu Amoonota waraanuu dandeenyuuf kottuu ajajaa nuu taʼi” jedhaniin.
JDG 11:7 Yiftaanis, “Isin na jibbitanii mana abbaa kootii na hin ariinee? Amma yommuu rakkattan maaliif na bira dhuftu?” isaaniin jedhe.
JDG 11:8 Maanguddoonni Giliʼaadis, “Nu sababii kanaaf gara kee dhufneerra; Amoonota waraanuudhaaf nu faana kottu; nu warra Giliʼaad keessa jiraannu hunda irrattis hoogganaa ni taataa” jedhaniin.
JDG 11:9 Yiftaanis, “Yoo isin akka ani Amoonota waraanuuf biyya kootti na deebiftanii Waaqayyos dabarsee harka kootti isaan kenne, dhugumaan ani hoogganaa keessan nan taʼaa?” jedheen.
JDG 11:10 Maanguddoonni Giliʼaadis deebisanii, “Waaqayyo dhuga baʼaa keenya; dhugumaan nu akkuma ati jette goona” jedhaniin.
JDG 11:11 Kanaafuu Yiftaan maanguddoota Giliʼaad wajjin qajeele; sabni Giliʼaadis hoogganaa fi abbaa duulaa isa godhate. Innis iddoo Miisphaa jedhamutti waan duraan dubbate hundumaa irra deebiʼee fuula Waaqayyoo duratti dubbate.
JDG 11:12 Yiftaan gara mootii Amoonotaatti ergamoota ergee, “Ati kan biyya keenya waraantuuf rakkina maalii nurraa qabda?” jedheen.
JDG 11:13 Mootiin Amoonotaas ergamoota Yiftaatiin, “Sababii Israaʼeloonni yeroo Gibxii baʼanitti biyya koo kan Arnoonii fi Yaaboq gidduu jiruu fi biyya koo kan hamma Yordaanositti jiru fudhataniif ani waan kana godheera; kanaafuu amma karaa nagaan naa deebisaa” jedhe.
JDG 11:14 Yiftaanis gara mootii Amoonotaatti deebisee ergamoota isaa erge;
JDG 11:15 akkanas jedhe: “Yiftaan akkana jedha: Israaʼel biyya Moʼaab yookaan biyya Amoonota hin fudhanne.
JDG 11:16 Garuu yeroo Gibxii baʼanitti Israaʼeloonni gammoojjii keessa gara Galaana Diimaa, achii immoo gara Qaadesh dhufan.
JDG 11:17 Israaʼelis gara mootii Edoomitti, ‘Akka ani biyya kee keessaan darbu naa eeyyami’ jedhee ergamoota erge; mootiin Edoom garuu hin dhageenye. Gara mootii Moʼaabittis akkasuma ergan; inni illee ni dide. Kanaafuu Israaʼel Qaadesh keessa ture.
JDG 11:18 “Itti aansees gammoojjii keessa darbee biyya Edoomii fi biyya Moʼaab irra naannaʼee karaa baʼa biyya Moʼaabiin darbee gama kaaniin Arnoon cina qubate. Garuu sababii Arnoon daarii Moʼaab turteef isaan biyya Moʼaab hin seenne ture.
JDG 11:19 “Ergasiis Israaʼel Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanatti ergamoota ergee, ‘Akka nu biyya kee keessa gara biyya keenyaatti dabarru nuu eeyyami’ jedheen.
JDG 11:20 Sihoon garuu akka inni karaa biyya isaatiin darbu Israaʼelin hin amanne. Kanaafuu inni namoota isaa walitti qabatee Yaahizaa keessa qubatee Israaʼelin lole.
JDG 11:21 “Waaqayyo Waaqni Israaʼelis Sihoonii fi namoota isaa hunda dabarsee harka Israaʼelitti kenne; Israaʼeloonnis jara moʼatan; kanaafuu Israaʼeloonni biyya Amoorota achi jiraatan hundaa fudhatan;
JDG 11:22 qabeenya biyya Amoor kan Arnoonii hamma Yaaboqitti akkasumas kan gammoojjii hamma Yordaanositti jiru hunda fudhatan.
JDG 11:23 “Yoos erga Waaqayyo Waaqni Israaʼel fuula saba Israaʼel duraa Amoorota ariʼee baasee ati fudhachuudhaaf mirga maalii qabdaa?
JDG 11:24 Ati waan Kemoosh Waaqni kee siif kennu hin fudhattuu? Nus akkasuma waan Waaqayyo Waaqni keenya nuu kenne kam iyyuu ni fudhanna.
JDG 11:25 Ati Baalaaq mootii Moʼaab ilma Ziphoori sana ni caaltaa? Inni takkumaa Israaʼel waraaneeraa? Yookaan loleeraa?
JDG 11:26 Israaʼeloonni waggaa dhibba sadii Heshboon, Aroʼeer, qubatawwan naannoo sanaatii fi magaalaawwan naannoo Arnoon qabatanii turaniiru. Ati yeroo sanatti maaliif deebiftee hin fudhatin?
JDG 11:27 Ani yakka sitti hin hojjenne; ati garuu waraana natti kaasuudhaan na miiteerta. Kanas Waaqayyo, abbaan murtii ammuma kana kaʼee Israaʼelootaa fi Amoonota gidduutti murtii haa kennu.”
JDG 11:28 Mootiin Amoonotaa garuu ergaa Yiftaan isatti ergeef gurra hin kennine.
JDG 11:29 Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo Yiftaa irra buʼe. Innis Giliʼaadii fi Minaasee keessa darbee Miisphaa ishee Giliʼaad keessa jirtu sana keessa qaxxaamuree Amoonotatti duule.
JDG 11:30 Yiftaan akkana jedhee Waaqayyoof wareege; “Yoo ati Amoonota dabarsitee harka kootti kennite,
JDG 11:31 yommuu ani moʼadhee deebiʼutti wanni mana kootii na simachuudhaaf jalqabatti baʼuu kam iyyuu kan Waaqayyoo ti; anis qalma gubamu godhee isa nan dhiʼeessa.”
JDG 11:32 Ergasiis Yiftaan Amoonota waraanuuf baʼe; Waaqayyos isaan dabarsee harka isaatti kenne.
JDG 11:33 Innis Aroʼeerii jalqabee magaalaawwan digdama hamma naannoo Miiniititti akkasumas hamma Abeel Keraamiimitti argaman guutumaan guutuutti barbadeesse. Amoononnis akkasiin Israaʼelootaaf bulan.
JDG 11:34 Yeroo Yiftaan gara Miisphaatti mana isaatti deebiʼetti, intalli isaa dibbee rukutaa sirbaa isa simachuuf baate! Isheen intala tokkittii inni qabu turte. Inni ishee malee ilmas taʼu intala biraa hin qabu ture.
JDG 11:35 Innis yommuu ishee argetti wayyaa isaa tarsaasee, “Wayyoo! Yaa mucattii koo! Na balleessite; dhiphina keessa na galchite; ani wareega cabsuu hin dandeenye Waaqayyoof wareegeeraatii” jedhee booʼe.
JDG 11:36 Isheenis akkana jette; “Yaa abbaa ko, ati Waaqayyoof kakatteerta; sababii Waaqayyo diinota kee Amoonota haaloo siif baʼeef, ati waan waadaa galte sana anaan guutadhu.
JDG 11:37 Garuu waan tokko naa eeyyami; sababii ani siʼachi hin heerumneef akka ani michoota koo wajjin gaarran irra naannaʼee durbummaa kootiif booʼuuf jiʼa lama naa kenni.”
JDG 11:38 Innis, “Dhaquu dandeessa” jedheen. Akka isheen jiʼa lamaaf deemtus eeyyameef. Isheenis waan siʼachi heerumuu hin dandeenyeef dubarran michoota ishee wajjin gaarranitti ol baatee boosse.
JDG 11:39 Jiʼa lamaa booddees gara abbaa isheetti deebite; innis akkuma wareege sana godhe. Isheen durba turte. Yeroo sanaa jalqabee wanni kun Israaʼeloota biratti bartee taʼee
JDG 11:40 durboonni Israaʼel wagguma waggaan baʼanii guyyaa afur intala Yiftaa namicha Giliʼaad sanaa gaddaan yaadatu.
JDG 12:1 Namoonni Efreem walitti qabamanii Daafoon ceʼuudhaan Yiftaan, “Ati yeroo Amoonota loluuf baatetti maaliif akka nu si faana deemnuuf nu hin waamne? Nu mana kee sirratti gubna” jedhaniin.
JDG 12:2 Yiftaanis akkana jedhee deebiseef; “Anii fi namoonni koo Amoonota loluuf waraana guddaa keessa gallee turre; yommuu ani isin waametti isin harka isaaniitii na hin baafne.
JDG 12:3 Ani yeroo akka isin na hin baafne argetti lubbuu kootti muree Amoonota waraanuuf nan ceʼe; Waaqayyos isaan irratti moʼannaa naa kenne. Yoos isin harʼa maaliif na loluuf dhuftan ree?”
JDG 12:4 Yiftaanis ergasii namoota Giliʼaad walitti waammatee Efreemitti lola kaase. Sababii namoonni Efreem warra Giliʼaadiin, “Isin Giliʼaadonni warra Efreemii fi Minaasee gantanii dha” jedhaniif Giliʼaadonni isaan dhaʼan.
JDG 12:5 Giliʼaadonni malkaawwan Yordaanos kanneen gara Efraataatti geessan qabatan; yeroo baqataan Efraataa tokko, “Ani gamattin ceʼa” jedhutti, namoonni Giliʼaad, “Ati nama Efreem mitii?” jedhanii isa gaafatu. Yoo inni, “Waawuu” jedhee deebise,
JDG 12:6 isaan, “Gaarii dha; ati, ‘Shiiboleeti’ jedhi” jedhaniin. Yoo inni, “Siiboleeti” jedhe, sababii inni qajeelatti “Shiiboleeti” jechuu hin dandeenyeef qabanii malkaawwan Yordaanos irratti isa ajjeesu. Yeroo sanatti namoota Efreem kuma afurtamii lamatu ajjeefame.
JDG 12:7 Yiftaan waggaa jaʼa Israaʼelin bulche. Ergasii Yiftaan namni Giliʼaad sun duʼee magaalaa Giliʼaad keessaa tokkotti awwaalame.
JDG 12:8 Isaan duubas Ibzaan namichi Beetlihem sun Israaʼelin bulche.
JDG 12:9 Innis ilmaan soddomaa fi intallan soddoma qaba ture; intallan isaas warra gosa isaa hin taʼinitti heerumsiise; ilmaan isaatiifis akka isaan niitota taʼaniif gosa biraa keessaa durboota soddoma fide. Ibxaan waggaa torba Israaʼel bulche.
JDG 12:10 Ibzaanis duʼee Beetlihem keessatti awwaalame.
JDG 12:11 Isa booddee Eeloon namichi gosa Zebuuloon sun waggaa kudhan Israaʼelin bulche.
JDG 12:12 Eeloonis duʼee biyya Zebuuloon keessatti Ayaaloonitti awwaalame.
JDG 12:13 Isatti aanee immoo Abdoon ilmi Hileel namichi Phiraatoon sun Israaʼelin bulche.
JDG 12:14 Innis ilmaan afurtamaa fi ilmaan ilmaanii soddoma kanneen harroota torbaatama yaabbatan qaba ture. Inni waggaa saddeeti Israaʼelin bulche.
JDG 12:15 Ergasiis Abdoon ilmi Hileel duʼee biyya gaaraa Amaaleqootaatti Efreem keessatti Phiraatoonitti awwaalame.
JDG 13:1 Israaʼeloonni ammas fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; kanaafuu Waaqayyo waggaa afurtama dabarsee harka Filisxeemotaatti isaan kenne.
JDG 13:2 Namicha gosa Daan keessaa dhalatee Zoraa jiraatu kan Maanoʼaa jedhamu tokkotu ture; niitiin isaas dhabduu ijoollee tokko illee hin qabne turte.
JDG 13:3 Ergamaan Waaqayyoos isheetti mulʼatee akkana jedheen; “Kunoo ati dhabduu ijoollee hin qabnee dha; garuu ulfooftee ilma deessa.
JDG 13:4 Egaa ati akka daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne yookaan waan xuraaʼaa tokko illee hin nyaanne of eeggadhu;
JDG 13:5 ati ulfoofte ilma daʼuuf jirtaatii. Qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin; inni gaafa dhalatee jalqabee Naaziricha taʼuudhaan kan Waaqaaf addaan baafame taʼaatii; inni harka Filisxeemotaatii Israaʼeloota furuu jalqaba.”
JDG 13:6 Dubartiin sunis gara dhirsa ishee dhaqxee akkana jettee itti himte; “Nama Waaqaa tokkotu gara koo dhufe. Innis ergamaa Waaqayyoo fakkaatee akka malee nama sodaachisa. Ani akka inni eessaa dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne.
JDG 13:7 Garuu inni, ‘Ati ulfooftee ilma deessa. Egaa siʼachi daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugin; waan xuraaʼaas hin nyaatin; sababiin isaas inni gaafa dhalatee jalqabee hamma duʼutti Naaziricha Waaqaa taʼaatii’ naan jedhe.”
JDG 13:8 Maanoʼaanis, “Yaa Gooftaa, akka namichi Waaqaa kan ati gara keenyatti ergite sun ammas dhufee akka nu itti mucaa dhalatu sana guddisuu qabnu nu barsiisuuf akka nuuf ergitu sin kadhadha” jedhee Waaqayyoon kadhate.
JDG 13:9 Waaqnis Maanoʼaa dhagaʼe; ergamaan Waaqayyoo sunis utuu isheen lafa qotiisaa keessa teessuu gara dubartii sanaa deebiʼee dhufe; dhirsi ishee Maanoʼaan garuu ishee wajjin hin turre.
JDG 13:10 Dubartittiinis dhirsa isheetti himuuf ariifattee, “Kunoo! Namichi guyyaa kaan natti mulʼate sun as jira!” jette.
JDG 13:11 Maanoʼaanis kaʼee niitii isaa duukaa buʼe. Innis yommuu namicha bira gaʼetti, “Namni niitii kootti dubbate siʼii?” jedheen. Innis, “Anuma” jedhe.
JDG 13:12 Kanaafuu Maanoʼaan, “Yeroo dubbiin kee raawwatamutti seerri mucichi ittiin jiraatuu fi hojiin inni hojjetu maali?” jedhee isa gaafate.
JDG 13:13 Ergamaan Waaqayyoos akkana jedhee deebise; “Niitiin kee waan ani itti hime hunda gochuu qabdi.
JDG 13:14 Isheen waan muka wayinii irraa argamu tokko illee nyaachuu hin qabdu; daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu dhuguu yookaan waan xuraaʼaa kam iyyuu nyaachuu hin qabdu. Isheen waan ani ishee ajaje hunda gochuu qabdi.”
JDG 13:15 Maanoʼaanis ergamaa Waaqayyootiin, “Hamma nu korbeessa reʼee xinnaa isaa siif qopheessinutti nuu turi” jedhe.
JDG 13:16 Ergamaan Waaqayyoo, “Ati na tursitu illee, ani nyaata kee kam iyyuu hin nyaadhu. Garuu yoo aarsaa gubamu qopheessuu feete, isa Waaqayyoof dhiʼeessi” jedheen. Maanoʼaan akka inni ergamaa Waaqayyoo taʼe hin beekne ture.
JDG 13:17 Sana booddee Maanoʼaan ergamaa Waaqayyootiin, “Akka nu yeroo dubbiin ati dubbatte fiixaan baʼutti ulfina siif kenninuuf maqaan kee eenyu?” jedhee gaafate.
JDG 13:18 Innis, “Ati maaliif maqaa koo gaafatta? Inni akka malee dinqii dha” jedheen.
JDG 13:19 Maanoʼaanis korbeessa reʼee xinnaa isaa kennaa midhaanii wajjin geessee kattaa irratti Waaqayyoof aarsaa godhe. Utuma Maanoʼaa fi niitiin isaa ilaalanuus Waaqayyo waan dinqii godhe.
JDG 13:20 Yeroo arrabni ibiddaa iddoo aarsaa irraa samiitti ol baʼetti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa keessaan ol baʼe. Maanoʼaa fi niitiin isaa waan kana arganii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
JDG 13:21 Ergamaan Waaqayyoo garuu deebiʼee Maanoʼaa fi niitii isaatti hin mulʼanne. Maanoʼaanis akka inni ergamaa Waaqayyoo taʼe beeke.
JDG 13:22 Innis niitii isaatiin, “Nu Waaqa argineerraatii dhugumaan ni duuna!” jedhe.
JDG 13:23 Niitiin isaa garuu deebiftee akkana jetteen; “Waaqayyo utuu nu ajjeesuu barbaadee silaa aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu ture; waan kana hundumas nutti hin argisiisu yookaan waan kana amma nutti hin himu ture.”
JDG 13:24 Dubartiin sun ilma deesse; Saamsoon jettees isa moggaafte. Innis ni guddate; Waaqayyos isa eebbise.
JDG 13:25 Hafuurri Waaqayyoos yeroo inni Zoraa fi Eshitaaʼol gidduu qubata Daan keessa turetti isa kakaasu jalqabe.
JDG 14:1 Saamsoon gara Tiimnaahitti gad buʼee durba Filisxeem tokko achitti arge.
JDG 14:2 Yommuu achii deebiʼettis abbaa fi haadha isaatiin, “Ani Tiimnaahitti intala Filisxeem tokko argeeraatii na fuusisaa” jedhe.
JDG 14:3 Abbaa fi haatii isaa deebisanii, “Wanni akka ati Filisxeemota dhagna hin qabanne keessaa niitii fuutu si godhu firoota kee keessaa yookaan saba keenya hunda keessaa dubartiin dhabamteetii?” jedhaniin. Saamsoon garuu abbaa isaatiin, “Isheetu naa taʼaatii ishuma naa fidi” jedhe.
JDG 14:4 Abbaa fi haatii isaa akka wanni kun Waaqayyo biraa dhufe hin beekne; Waaqayyo karaa ittiin Filisxeemota dhaʼu barbaadaa tureetii. Yeroo sanatti Filisxeemonni Israaʼeloota gad qabanii bulchaa turan.
JDG 14:5 Saamsoon abbaa isaatii fi haadha isaa wajjin gara Tiimnaahitti gad buʼe. Akkuma isaan iddoo dhaabaa wayinii Tiimnaahi bira gaʼaniinis leenci saafelli tokko ittanaa isatti dhufe.
JDG 14:6 Hafuurri Waaqayyoos jabinaan Saamsoon irra buʼe; innis homaa of harkaa qabaachuu baatu illee akkuma nama ilmoo reʼee tokko cicciruutti leenca saafela sana ciccire. Garuu waan hojjete sana abbaa fi haadha isaatti hin himne.
JDG 14:7 Ergasii gad buʼee dubartittii wajjin haasaʼe; isheenis ija isaatti tolte.
JDG 14:8 Innis yeroo gabaabaa booddee yommuu ishee fuudhuuf achi deebiʼetti raqa leenca sanaa ilaaluuf of irra gara gale. Raqa leencichaa keessas tuunni kanniisaa guutee damma dammeessee ture;
JDG 14:9 dammichas harka isaatti fudhatee nyaachaa karaa isaa itti fufe. Yommuu gara abbaa fi haadha isaa dhufettis damma sana irraa isaaniif kenne; isaanis ni nyaatan. Inni garuu akka damma sana raqa leencaa keessaa fuudhe isaanitti hin himne.
JDG 14:10 Ergasii abbaan isaa intalattii ilaaluuf gad buʼe; Saamsoon akkuma dargaggoonni yeroo fuudhanitti cidha godhatan sana achitti cidha qopheesse.
JDG 14:11 Yommuu inni achi dhiʼaatettis isa arganii amaamota soddoma isaaf kennan.
JDG 14:12 Saamsoonis akkana isaaniin jedhe; “Ani hibboo tokko isinitti nan hima; yoo isin guyyoota cidhichaa torban keessatti hiikkaa isaa argattan, ani wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma isiniifin kenna.
JDG 14:13 Isin yoo hiikkaa isaa natti himuu dadhabdan wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma naa kennitu.” Isaanis, “Hibboo kee ni dhageenyaa nutti hima” jedhan.
JDG 14:14 Innis deebisee, “Kan nyaatu keessaa wanni nyaatamu, jabaa keessaa immoo wanni miʼaawu baʼe” isaaniin jedhe. Isaanis hamma guyyaa sadiitti hibboo sana hiikuu hin dandeenye ture.
JDG 14:15 Isaanis guyyaa afuraffaatti niitii Saamsooniin, “Akka dhirsi kee hiikkaa hibboo kanaa nutti himuuf mee nuu kadhadhu; yoo kanaa achii nu siʼii fi mana abbaa keetii ibiddaan gubnaa. Ati nu saamuuf asitti nu waamtee?” jedhaniin.
JDG 14:16 Niitiin Saamsoonis fuula isaa duratti booʼaa “Ati na jibbiteerta! Ati dhugumaan na hin jaallattu. Ati saba koo hibboo gaafatteerta; garuu hiikkaa isaa natti hin himne” jetteen. Innis deebisee, “Ani abbaa koottii fi haadha kootti iyyuu hin himne; egaa ani sitti himuu qabaa?” jedheen.
JDG 14:17 Isheenis guyyaa cidha sanaa torbanuu boottee isa rakkifte; innis sababii isheen ittuma fuftee boqonnaa isa dhowwiteef guyyaa torbaffaatti hiikkaa isaa isheetti hime. Isheen immoo hiikkaa hibboo sanaa saba isheetti himte.
JDG 14:18 Namoonni magaalaa sanaas guyyaa torbaffaatti utuu biiftuun hin lixin, “Wanni damma caalaa miʼaawu maali? Jabaan leenca caalu maali?” jedhaniin. Saamsoonis, “Utuu raada kootiin qotachuu baattanii, isin silaa hibboo koo hin hiiktan ture” jedheen.
JDG 14:19 Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo jabinaan isa irra buʼe. Innis gara Ashqaloonitti gad buʼee namoota magaalaa keessaa soddoma ajjeese; waan isaan qabanis irraa fudhatee namoota hibboo sana hiikaniif uffata kittii kenne. Aariidhaanis gubachaa gara mana abbaa isaatti deebiʼe.
JDG 14:20 Niitii Saamsoonis miinjee isaatti heerumsiisan.
JDG 15:1 Ergasii yeroo qamadiin walitti qabamutti Saamsoon korma reʼee xinnaa isaa fudhatee niitii isaa ilaaluu dhaqe. Innis, “Ani daree niitii koo nan seena” jedhe. Abbaan niitii isaa garuu eeyyamuufii dide.
JDG 15:2 Innis, “Ani waan ati ishee jibbiteerta jedhee dhugumaan amaneef miinjee keetti ishee heerumsiiseera; obboleettiin ishee quxisuun, ishee caalaa bareedduu mitii? Qooda sanaa ishee fudhadhu” jedheen.
JDG 15:3 Saamsoon deebisee, “Ani yeroo kanatti yoo miidhaa kam iyyuu Filisxeemota irraan gaʼe itti hin gaafatamu” isaaniin jedhe.
JDG 15:4 Kanaafuu inni achii baʼee waangota dhibba sadii qabee lama lamaan eegee isaanii walitti hidhe. Eegee lamaan lamaan isaanii irrattis guca guduunfe;
JDG 15:5 ibiddas itti qabsiisee qamadii Filisxeemotaa keessatti waangota sana gad lakkise. Midhaan haamamee fi kan hin haamaminitti akkasumas iddoo dhaabaa wayiniitii fi ejersaa guggube.
JDG 15:6 Yeroo Filisxeemonni, “Eenyutu waan kana godhe?” jedhanii gaafatanitti, “Saamsoon dhirsa intala namicha Tiimnaahi sanaatu sababii niitiin isaa miinjee isaatti jalaa heerumsiifamteef waan kana godhe” jedhamee isaanitti himame. Kanaafuu Filisxeemonni ol baʼanii niitii Saamsoonii fi abbaa ishee gubanii ajjeesan.
JDG 15:7 Saamsoonis, “Erga isin akkas gootanii ani hamma haaloo koo baafadhutti isin hin dhiisu” isaaniin jedhe.
JDG 15:8 Akka malees isaan dhaʼee hedduu isaanii galaafate. Ergasii gad buʼee holqa kattaa Eexaam keessa jiraate.
JDG 15:9 Filisxeemonnis ol baʼanii naannoo Lehiitti faffacaʼanii Yihuudaa keessa qubatan.
JDG 15:10 Namoonni Yihuudaas, “Isin maaliif nu waraanuuf dhuftan?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis deebisanii, “Nu Saamsoon hiinee waan inni nu godhe sana isa godhuuf dhufne” jedhan.
JDG 15:11 Ergasiis namoonni kuma sadii Yihuudaadhaa gara holqa Eexaamitti gad buʼanii Saamsooniin, “Ati maali nu goote? Akka Filisxeemonni nu bulchan hin beektuu?” jedhan. Innis, “Ani waanuma isaan na godhan sana isaan irratti nan godhe” jedhee deebise.
JDG 15:12 Isaanis, “Nu si hiinee dabarsinee Filisxeemotatti si kennuuf dhufne” jedhaniin. Saamsoon immoo, “Isin mataan keessan akka na hin ajjeefne naa kakadhaa” jedhe.
JDG 15:13 Isaanis, “Tole, nu si hiinee dabarsinee harka isaaniitti si kennina malee ofii keenyaan siʼi hin ajjeefnu” jedhaniin. Kanaafuu funyoo haaraa lamaan isa hidhanii holqa keessaa isa baasan.
JDG 15:14 Yeroo inni Lehiitti dhiʼaatettis Filisxeemonni iyyaa gara isaa dhufan. Hafuurri Waaqayyoos jabinaan isa irra buʼe. Funyoon harki isaa ittiin hidhamee ture sun akka quncee talbaa kan ibidda keessa buʼee taʼe; hidhaan isaas harka isaa irraa ciccite.
JDG 15:15 Innis lafee haʼoo harree haaraa isaa argatee hiixatee fudhate; ittiinis dhaʼee nama kuma tokko fixe.
JDG 15:16 Kana irrattis Saamsoon, “Ani lafee haʼoo harree tokkoon, wal irra isaan nan tuule; lafee haʼoo harree tokkootiin, namoota kuma tokko nan ajjeese” jedhe.
JDG 15:17 Innis erga waan kana dubbatee fixatee booddee lafee haʼoo harree sana achi darbate; iddoon sunis Raamaat Leehii jedhame.
JDG 15:18 Innis sababii akka malee dheeboteef, “Ati moʼannaa guddaa akkanaa garbicha keetiif kenniteerta. Egaa ani amma dheebuudhaan duʼee harka warra dhagna hin qabatinii keessan buʼaa?” jechuudhaan Waaqayyoon waammate.
JDG 15:19 Waaqnis boolla Lehii keessa jiru dhoosee bishaan baase. Saamsoonis yommuu bishaan sana dhugetti humni isaa deebiʼeefii jabaate. Kanaafuu burqaan suni Een Haqoree jedhamee moggaafame. Innis hamma harʼaatti achuma Leehiitti argama.
JDG 15:20 Saamsoon bara Filisxeemotaa keessa waggaa digdama Israaʼeloota bulche.
JDG 16:1 Gaaf tokko Saamsoon gara Gaazaa iddoo itti sagaagaltuu tokko arge dhaqe. Ishee wajjin buluufis ol seene.
JDG 16:2 Namoota Gaazaattis, “Saamsoon as jira!” jedhamee himame. Kanaafuu isaan naannoo sana marsanii halkan guutuu riphanii karra magaalattii irratti isa eeggatan. Isaanis, “Ganama barii isa ajjeefna” jedhanii halkan sana utuu hin sochoʼin bulan.
JDG 16:3 Saamsoon garuu hamma walakkaa halkaniitti achi rafe. Ergasii kaʼee cufaawwan karra magaalattii michichila lama wajjin, danqaraa isaatii fi waan hunda buqqise. Ol fuudhees gatiittii isatti baachuudhaan gara fiixee gaara fuullee Kebroonitti ol baʼe.
JDG 16:4 Yeroo muraasa booddee Saamsoon jaalala dubartii sulula Sooreeq keessa jiraattu tokkootiin qabame; maqaan ishees Daliilaa jedhama ture.
JDG 16:5 Bulchitoonni Filisxeemotaas gara ishee dhaqanii, “Akka nu hiinee isa miidhuu dandeenyuuf, akka inni icciitii jabina isaa guddaa kanaatii fi akka nu itti isa moʼachuu dandeenyu sitti himuuf isa sossobi. Tokkoon tokkoon keenyas meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko siif kenninaa” jedhaniin.
JDG 16:6 Daliilaanis Saamsooniin, “Icciitii jabina kee guddaa sanaatii fi akka ati itti qabamtee hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
JDG 16:7 Saamsoon immoo deebisee, “Yoo namni kam iyyuu teepha haaraa hin gogin torbaan na hidhe, ani akkuma nama biraa kam iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
JDG 16:8 Bulchitoonni Filisxeemotaas ergasii teepha haaraa hin gogin torba fidanii isheetti kennan; isheenis ittiin isa hiite.
JDG 16:9 Isheen gola keessatti namoota dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu teephawwan sana akkuma ribuun yommuu ibidda bira gaʼu baqutti rakkina malee of irraa kukkute. Kanaafuu icciitiin jabina isaa hin beekamne.
JDG 16:10 Daliilaan Saamsooniin, “Ati na gowwoomsite; na sobdes. Amma kottuu akka itti hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
JDG 16:11 Innis, “Yoo namni kam iyyuu funyoo haaraa namni itti hin fayyadaminiin na hidhe, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
JDG 16:12 Kanaafuu Daliilaan funyoo haaraa fuutee ittiin isa hiite. Namootas golla keessatti dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu funyoowwan sana akkuma kirriitti harka ofii irraa kukkute.
JDG 16:13 Daliilaanis Saamsooniin, “Ati hamma ammaatti na gowwoomsiteerta; na sobdeertas. Akka itti hidhamu dandeessu natti himi” jette. Innis, “Yoo ati guduruu mataa koo torban walitti footee qofootti na hiite, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” isheen jedhe. Daliilaanis utuu inni rafuu guduruu mataa isaa torban walitti footee,
JDG 16:14 qofootti isa hiite. Ammas isa waamtee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jette. Inni garuu hirribaa kaʼee qofoo sana guduruu mataa isaa wajjin buqqise.
JDG 16:15 Isheenis, “Ati utuu na hin amanin akkamitti, ‘Ani si jaalladha’ naan jetta? Utuu icciitii jabina kee guddaa sanaa natti hin himin, ati na sobuun kee kun yeroo sadaffaa dha” jetteen.
JDG 16:16 Guyyuma guyyaanis hamma lubbuun isaa jireenya jibbitutti dubbii isheetiin afaan isa gogsite.
JDG 16:17 Kanaafuu inni waan hunda isheetti hime. Akkanas jedheen; “Sababii ani gaafuma dhaladhee jalqabee Naaziricha taʼee Waaqaaf addaan baafameef qarabaan takkumaa mataa koo tuqee hin beeku. Yoo mataan koo haadame garuu jabinni koo narraa badee anis akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa.”
JDG 16:18 Daliilaanis yommuu akka inni waan hunda isheetti hime hubattetti, “Inni waan hunda natti himeeraatii mee deebiʼaa kottaa” jettee bulchitoota Filisxeemotaatti ergaa ergite. Kanaafuu bulchitoonni Filisxeemotaa harka isaaniitti meetii qabatanii gara ishee dhufan.
JDG 16:19 Akka inni gudeeda ishee irra ciisu gootee nama tokko waamtee guduruu mataa isaa torban irraa haadchisiifte. Isheenis akka malee isa rakkisuu jalqabde. Jabinni isaas isa irraa bade.
JDG 16:20 Isheenis, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Innis hirribaa kaʼee, “Ani akkuma yeroo kaanii gad baʼee of irraa harcaasa” jedhe. Garuu akka Waaqayyo isa dhiisee deeme hin beekne ture.
JDG 16:21 Ergasii Filisxeemonni isa qabanii ija isaa keessaa baasanii gara Gaazaatti isa geessan. Foncaa naasiitiin isa hidhaniis mana hidhaa keessatti daaktuu midhaanii isa godhan.
JDG 16:22 Rifeensi mataa isaa garuu erga haadamee booddee deebiʼee guddachuu jalqabe.
JDG 16:23 Bulchitoonni Filisxeemotaa, “Waaqni keenya, Saamsoon diina keenya sana dabarsee harka keenyatti nuu kenneera” jedhanii gammaduudhaan Daagon Waaqa isaaniitiif aarsaa guddaa dhiʼeessuuf walitti qabamanii turan.
JDG 16:24 Namoonnis yeroo isa arganitti Waaqa isaanii galateeffachaa, “Waaqni keenya, diina keenya kan biyya keenya balleesse, kan nama baayʼee nu duraa ajjeese sana dabarsee nuu kenneera” jedhan.
JDG 16:25 Isaanis utuma garaan isaanii gammadaa jiruu, “Akka inni nu bashannansiisuuf mee Saamsoonin waamaa” jedhan. Kanaafuu Saamsoonin mana hidhaatii waamanii fidan; innis isaan bashannansiise. Yommuu isaan utubaawwan gurguddaa gidduu isa dhaabachiisanitti,
JDG 16:26 Saamsoon tajaajilaa harka isaa qabee ture sanaan, “Akka ani itti irkadhuuf gara utubaawwan mana sagadaa kana qabanii dhaabaniitti na dhiʼeessi” jedhe.
JDG 16:27 Manni sagadaa sun dhiiraa dubartiin guutamee ture; bulchitoonni Filisxeemotaa hundinuus achi turan; Saamsoonii tapha argisiisu ilaaluuf jedhanii namoonni kuma sadii bantii manichaa irra turan.
JDG 16:28 Saamsoonis akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, na yaadadhu. Yaa Waaqi, akka ani ija koo lamaaniif Filisxeemota haaloo baafadhuuf yeroo tokko jabina naa kenni.”
JDG 16:29 Saamsoonis ergasii utubaawwan gurguddaa lamaan kanneen walakkaa mana sagadaa sanaa dhaabatanii mana sana baatanitti hiixatee tokko harka isaa mirgaatiin, kaan immoo harka isaa bitaatiin qabatee,
JDG 16:30 “Ani Filisxeemota wajjin duʼa!” jedhee humna qabu hundaan dhiibe; manichi sagadaas bulchitootaa fi namoota achi keessa turan hunda irratti jige. Kanaafuu namoonni inni yeroo duʼa isaatti ajjeese kanneen inni yeroo jireenya isaatti ajjeese caalaa baayʼee turan.
JDG 16:31 Obboloonni isaatii fi maatiin abbaa isaa hundinuu reeffa isaa fuudhuu gad buʼan. Isaanis isa fidanii Zoraa fi Eshitaaʼol gidduutti iddoo awwaala abbaa isaa kan Maanoʼaa keessatti isa awwaalan. Inni waggaa digdama Israaʼelin bulche.
JDG 17:1 Namicha biyya gaara Efreem keessa jiraatu kan maqaan isaa Miikaayaa jedhamu tokkotu ture;
JDG 17:2 innis haadha isaatiin, “Meetiin kuma tokkoo fi dhibba tokko ulfaatu kan si duraa badee ani utuu ati nama si jalaa fudhate abaartuu dhagaʼe sun na bira jira; kan fudhates anuma” jedhe. Haati isaas, “Yaa ilma ko, Waaqayyo si haa eebbisu” jetteen.
JDG 17:3 Yommuu inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sana deebisee haadha isaatti kennettis, haati isaa, “Akka ilmi koo fakkii meetiin itti uffifame ittiin hojjetuuf ani meetii koo Waaqayyoof addaan baaseera. Ani ammas deebisee sittin kenna” jetteen.
JDG 17:4 Kanaafuu inni meetii sana deebisee haadha isaatiif kenne; isheenis meetii dhibba lama fuutee tumtuu meetiitti kennite; tumtuun sunis fakkii fi Waaqa tolfamaa ittiin hojjete. Fakkii fi Waaqni tolfamaan sunis mana Miikaayaa keessa kaaʼaman.
JDG 17:5 Namichi Miikaa jedhamu kunis galma Waaqa tolfamaa qaba ture; innis dirataa fi waaqota tolfamoo tokko tokko tolchee ilmaan isaa keessaa nama tokko luba godhate.
JDG 17:6 Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.
JDG 17:7 Yeroo sanatti biyya Yihuudaa keessa dargaggeessa gosa Lewwii kan Beetlihem keessa gosa Yihuudaa gidduu jiraatu tokkotu ture.
JDG 17:8 Innis iddoo jireenyaa kan biraa barbaaduuf jedhee magaalaa sana dhiisee deeme. Utuma deemuus gara biyya gaaraa Efreem mana Miikaa dhufe.
JDG 17:9 Miikaanis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani nama Lewwii kan Beetlihem biyya Yihuudaatii dhufee iddoo jireenyaa barbaaduu dha” jedheen.
JDG 17:10 Miikaanis, “Na wajjin jiraadhuutii abbaa fi luba naa taʼi; anis waggaatti meetii kudhan siif kenna; uffata keetii fi nyaata kees nan dandaʼa” isaan jedhe.
JDG 17:11 Kanaafuu Lewwichi sun isa wajjin jiraachuuf walii gale; dargaggeessi sunis Miikaadhaaf ilmaan isaa keessaa akkuma nama tokkoo taʼe.
JDG 17:12 Miikaanis dargaggeessa Lewwii sana muudate; innis luba isaa taʼee mana isaa jiraate.
JDG 17:13 Miikaanis, “Erga Lewwichi kun luba koo taʼe, ani akka Waaqayyo waan gaarii naa godhu nan beeka” jedhe.
JDG 18:1 Yeroo sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture. Sababii hamma yeroo sanaatti gosoota Israaʼel gidduutti dhaalli isaaniif hin kennaminiif gosti Daan iddoo qubatan barbaaddachaa turan.
JDG 18:2 Kanaafuu warri Daan akka isaan biyya sana basaasanii fi magaalaa Zoraatii fi Eshitaaʼol keessaa namoota jajjaboo shan ergan. Namoonni kunneenis gosoota isaanii hunda iddoo buʼan. Warra erganiinis, “Dhaqaatii biyyattii sakattaʼaa” jedhan. Ergamoonni sunis biyya gaaraa Efreemiitti ol baʼanii mana Miikaa dhufan; halkan sanas achi bulan.
JDG 18:3 Isaanis yommuu mana Miikaa bira gaʼanitti sagalee dargaggeessa Lewwicha sanaa hubatan; kanaafuu itti goranii, “Eenyutu as si fide? Ati maal asii goota? Maaliifis as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
JDG 18:4 Innis, “Miikaatu na qaxarate; anis luba isaa ti” jedhee waan inni isaaf godhe isaanitti hime.
JDG 18:5 Isaanis, “Maaloo mee akka karaan keenya milkaaʼuu fi akka hin milkoofne Waaqa nuu gaafadhu” jedhaniin.
JDG 18:6 Lubichis, “Nagaan deemaa; Waaqayyo karaa keessan isinii mijeesseera” isaaniin jedhe.
JDG 18:7 Kanaafuu namoonni shanan sun kaʼanii Laayish dhaqan; akka namoonni achi jiraatan, akkuma warra Siidoonaa sodaa tokko malee nagaadhaan jiraatanis argan. Isaanis sababii lafti isaanii waan hunda qabduuf jireenya badhaadhaa jiraatan. Akkasumas sababii warra Siidoonaa irraa fagaatanii jiraachaa turaniif isaan eenyuma wajjinuu walitti dhufeenya tokko illee hin qaban ture.
JDG 18:8 Yommuu isaan Zoraa fi Eshitaaʼolitti deebiʼanitti obboloonni isaanii, “Oduu maalii qabattanii deebitan?” jedhanii isaan gaafatan.
JDG 18:9 Isaanis deebisanii akkana jedhaniin; “Kaʼaa dhaqnee isaan lollaa! Nu akka biyyattiin gabbattuu taate argineerra. Isin waan kana ittuma dhiiftuu? Dhaqxanii qabachuu hin maminaa.
JDG 18:10 Isinis yommuu achi geessanitti saba yaaddoo tokko malee jiraatuu fi biyya balʼaa Waaqni dabarsee harka keessanitti isinii kennu kan wanni tokko iyyuu itti hin hirʼatin argattu.”
JDG 18:11 Kana irratti gosa Daan keessaa namoonni dhibba jaʼa miʼa lolaa hidhatanii Zoraa fi Eshitaaʼolii kaʼan.
JDG 18:12 Ol baʼaniis Yihuudaa keessa iddoo Kiriyaati Yeʼaariim jedhamu bira qubatan. Sababii kanaaf iddoon sun hamma harʼaatti qubata Daan jedhamee waamama; qubanni sunis gama lixa Kiriyaati Yeʼaariimitti argama.
JDG 18:13 Isaanis achii itti fufanii gara biyya gaaraa Efreemitti ol baʼanii mana Miikaa dhufan.
JDG 18:14 Namoonni Shanan biyya Laayish basaasanii turan sunis, obboloota isaaniitiin, “Isin akka manneen kana keessaa tokko dirata, fakkii waaqota tolfamoo mana keessaa, fakkii soofamee fi fakkii meetiin itti uffifame qabu beektuu? Amma waan gochuu qabdan beekaa” jedhan.
JDG 18:15 Kanaafuu isaan achi goranii mana Miikaa iddoo Lewwichi dargaggeessi sun jiraatu dhufanii nagaa isa gaafatan.
JDG 18:16 Namoonni Daan warri miʼa lolaa hidhatan dhibbi jaʼaan balbala ittiin karra seenan irra dhaabatanii turan.
JDG 18:17 Namoonni biyyattii basaasan shanan ol galanii fakkii soofame, dirata, waaqota tolfamoo mana keessaatii fi Waaqa tolfamaa baqfamee hojjetame fudhatan. Yeroo kanatti lubni sunii fi namoonni miʼa lolaa hidhatan dhibbi jaʼaan balbala ittiin karra seenan irra dhaabachaa turan.
JDG 18:18 Yommuu namoonni kunneen mana Miikaa seenanii fakkii soofame, dirata, waaqota tolfamoo mana keessaa biraatii fi Waaqa baqfamee hojjetame fudhatanitti lubichi, “Isin maal hojjechaa jirtu?” Isaaniin jedhe.
JDG 18:19 Isaanis, “Calʼisi! Afaan kee qabadhu; nu faana kottuutii abbaa fi luba nuu taʼi. Mana nama tokkoo keessa tajaajiluu irra sanyii fi gosa Israaʼeliif luba taatee tajaajiluu siif hin wayyuu?” jedhaniin.
JDG 18:20 Lubni sun ni gammade. Innis dirata, waaqota tolfamoo mana keessaa biraatii fi fakkii soofame sana fudhatee isaan wajjin deeme.
JDG 18:21 Isaanis, ijoollee isaanii xixinnoo, horii isaaniitii fi qabeenya isaanii of dura buusanii of irra garagalanii qajeelan.
JDG 18:22 Yeroo isaan mana Miikaa irraa xinnoo fagaatanii deemanittis, namoonni ollaa mana Miikaa wal waamanii namoota Daan duukaa buʼanii qaqqaban.
JDG 18:23 Isaan itti iyyinaan warri Daan of irra garagalanii Miikaadhaan, “Ati maal barbaaddee namoota kee waammattee nu loluuf dhufte?” jedhan.
JDG 18:24 Innis deebisee, “Isin waaqota ani tolfadhee fi luba koo fudhattaniirtu. Wanni naa hafe maaltu jira? Yoos isin akkamitti, ‘Maali taate?’ naan jettu ree?”
JDG 18:25 Namoonni Daanis, “Afaan kee nutti hin banin; yoo kanaa achii namoonni obsa hin qabne tokko tokko si dhaʼu; atii fi maatiin kees lubbuu keessan dhabdu” jedhaniin.
JDG 18:26 Ergasii namoonni Daan karaa isaanii itti fufan; Miikaan akka isaan humna isaatii ol taʼan hubatee of irra garagalee gara mana ofii isaatti qajeele.
JDG 18:27 Isaan waan Miikaan tolfatee fi luba isaa fudhatanii Laayishitti qajeelanii saba yaaddoo tokko malee nagaan jiraatutti duulan. Goraadeedhaan isaan fixanii magaalaa isaaniis guban.
JDG 18:28 Sababii isaan Siidoon irraa fagaatanii jiraatanii fi eenyuma wajjin walitti dhufeenya hin qabneef kan isaan baraaru tokko iyyuu hin jiru ture. Magaalaan sun sulula keessa Beet Rehooboot biratti argamti turte. Namoonni Daan magaalaa sana deebisanii ijaaruudhaan achi jiraatan.
JDG 18:29 Magaalaan sun duraan Laayish jedhamti turte; isaan garuu Daan jedhanii maqaa abbaa isaanii Daan namicha Israaʼeliif dhalate sanaatiin moggaasan.
JDG 18:30 Achittis namoonni Daan ofii isaaniitiif waaqota tolfamoo dhaabbatan; Yoonaataan ilmi Geershoom, ilmi Musee sunii fi ilmaan isaa hamma biyyattiin boojiʼamtetti luboota gosa Daan turan.
JDG 18:31 Kanaafuu isaan ittuma fufanii bara manni Waaqaa Shiiloo ture guutuu waaqota Miikaan tolfatetti fayyadamaa turan.
JDG 19:1 Yeroo sanatti Israaʼel mootii hin qabdu ture. Lewwichi lafa gammoojjii biyya gaaraa Efreem keessa jiraatu tokko Beetlihem Yihuudaa keessaa dubartii tokko saajjatoo godhatee fudhate.
JDG 19:2 Isheen garuu isaaf amanamtuu hin taane. Isa dhiiftees gara mana abbaa ishee Beetlihem Yihuudaatti deebite. Erga jiʼa afur achi turtee booddee,
JDG 19:3 dhirsi ishee araarfatee deebisee galfachuudhaaf gara ishee dhaqe. Innis hojjetaa isaatii fi harroota lama fudhatee deeme. Isheenis mana abbaa isheetti ol isa galchite; abbaan ishees yommuu isa argetti gammachuudhaan isa simate.
JDG 19:4 Abbaan niitii isaa jechuunis, abbaan intalattii akka inni achi turuuf jabeessee isa kadhate; kanaafuu isaan nyaachaa, dhugaas bultii sadii isa bira bubbulan.
JDG 19:5 Guyyaa afuraffaatti ganamaan kaʼanii deemuuf qophaaʼan; abbaan intalattii garuu dhirsa intala isaatiin, “Akka jabaatuuf waa nyaadhu; ergasii ni deemtaa” jedhe.
JDG 19:6 Kanaafuu lachan isaanii wajjin nyaatanii dhuguuf tataaʼan. Ergasiis abbaan intalattii, “Maaloo harʼa asuma buliitii aara galfadhu” jedheen.
JDG 19:7 Yommuu inni deemuuf kaʼettis abbaan niitii isaa jabeessee isa kadhate; kanaafuu inni halkan sana achi bule.
JDG 19:8 Guyyaa shanaffaatti yommuu inni ganamaan deemuuf kaʼetti abbaan intalattii, “Aara galfadhu. Hamma waaree booddeettis asuma turi!” isaan jedhe. Kanaafuu lachan isaanii iyyuu wajjin nyaatan.
JDG 19:9 Yeroo namichi saajjatoo isaatii fi tajaajilaa isaa wajjin deemuuf kaʼetti abbaan intalattii, “Ilaali! Aduun dhiʼuutti jirti. Asuma bulaa; guyyaan galgalaaʼeera. Asuma bulaatii aara galfadhaa. Bori ganamaan kaatanii karaa keessan deemuu dandeessu” jedheen.
JDG 19:10 Namichi garuu gaafa sana achi buluu didee harroota isaa lamaan feʼatee saajjatoo isaa fudhatee qajeele. Gara fuullee Yerusaalem ishee Yebuus jedhamtu sanaa dhufe.
JDG 19:11 Yommuu isaan Yebuus bira gaʼanitti sababii aduun dhiiteef tajaajilaan sun gooftaa isaatiin, “Maaloo kottaa magaalaa Yebuusotaa kanatti gorree haa bullu” jedhe.
JDG 19:12 Gooftaan isaas deebisee, “Lakkii. Nu magaalaa Namoota Ormaa warra Israaʼeloota hin taʼinii hin seennu. Gara Gibeʼaatti dabarra” isaan jedhe.
JDG 19:13 Itti fufees, “Kottu Gibeʼaa yookaan Raamaa geenyee tokkoo isaanii keessa bullaa” jedheen.
JDG 19:14 Kanaafuu deemsa isaanii itti fufanii yeroo isaan Gibeʼaa ishee Beniyaam keessatti argamtutti dhiʼaatanitti aduun dhiite.
JDG 19:15 Isaanis achi buluuf itti goran. Oobdii magaalaa keessas qubatan; garuu namni tokko iyyuu isaan bulchuuf mana isaatti ol isaan hin galchine.
JDG 19:16 Galgaluma sana jaarsi biyya gaaraa Efreemiitii dhufee Gibeʼaa jiraatu tokko hojii qonnaatii gale. Namoonni biyyattii garuu gosa Beniyaam turan.
JDG 19:17 Jaarsi sun yommuu ol jedhee oobdii magaalaa keessatti kara deemaa sana argetti, “Ati garam deemta? Eessaa dhufte?” jedhee gaafate.
JDG 19:18 Lewwichis akkana jedhe; “Nu Beetlihem Yihuudaatii dhufnee gara lafa moggaa biyya gaaraa Efreem iddoo ani jiraadhuu dhaquuf deemna. Ani achi dhaqee ture. Ani amma gara mana Waaqayyoo dhaqaan jira. Namni mana isaatti na simate tokko iyyuu hin jiru.
JDG 19:19 Nu tajaajiltoonni kee harroota keenyaaf cidii fi okaa qabna; anaa fi tajaajiltuu keetiif, dargaggeessa nu wajjin jiruufis buddeenaa fi daadhii wayinii qabna. Nu waan tokko illee hin barbaannu.”
JDG 19:20 Jaarsichis, “Nagaan siif haa taʼu; ani waan isin barbaachisu hundumaa isiniif nan dhiʼeessa; isin garuu oobdii keessa hin bulinaa” jedheen.
JDG 19:21 Kanaafuu inni gara mana isaatti ol isa galchee harroota isaatiif waan nyaatan kenne. Isaanis erga miilla isaanii dhiqatanii booddee nyaatanii dhugan.
JDG 19:22 Utuu isaan gammadaa jiranuu kashlabboonni magaalaa sanaa tokko tokko mana jaarsichaa marsan. Balbalas dhadhaʼanii iyyuudhaan, “Akka nu isatti sagaagalluuf namicha mana kee seene sana gad nuu baasi” jedhaniin.
JDG 19:23 Abbaan manichaas gad baʼee akkana isaaniin jedhe; “Lakkisaa yaa firoota ko, hammina akkasii hin hojjetinaa; namichi kun waan keessummaa koo taʼeef waan jibbisiisaa kana hin hojjetinaa.
JDG 19:24 Kunoo intalli koo durbi qulqulluunii fi saajjatoon namichaa as jiru. Ani isaan gad isinii baasaatii waan feetan isaan godhaa. Namicha kanatti garuu waan jibbisiisaa akkasii hin hojjetinaa.”
JDG 19:25 Taʼus isaan isa hin dhageenye. Kanaafuu Lewwichi saajjatoo isaa gad isaanii baase; isaanis halkan guutuu isheetti taphatanii ganama barii gad ishee dhiisan.
JDG 19:26 Akkuma lafti bariiteenis dubartiin sun gara mana gooftaan ishee ture sanaa dhaqxee balbala duratti kuftee hamma biiftuun baatutti achumatti diriirtee hafte.
JDG 19:27 Yommuu gooftaan ishee ganama barii kaʼee deemuuf balbala banee gad baʼetti, kunoo saajjatoon isaa kuftee harka ishee gulantaa balbalaa irratti diriirsitee arge.
JDG 19:28 Innis, “Kaʼi ni deemnaa” isheen jedhe. Garuu deebiin tokko illee hin turre. Kana irratti namichi sun harree irra ishee kaaʼee gara mana isaatti qajeele.
JDG 19:29 Innis yommuu mana isaa gaʼetti haaduu fudhatee saajjatoo isaa sana buusaa buusaatti iddoo kudha lamatti kukkutee guutummaa biyya Israaʼelitti erge.
JDG 19:30 Namni waan kana arge hundi, “Erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii jalqabee wanni akkasii takkumaa argamee yookaan hojjetamee hin beeku. Waaʼee isaa yaadaa! Hubadhaas! Waan gochuu qabnus nutti himaa!” jedhe.
JDG 20:1 Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman akkasumas kanneen biyya Giliʼaad keessa jiraatan hundi akka nama tokkootti baʼanii iddoo Miisphaa jedhamutti fuula Waaqayyoo duratti walitti qabaman.
JDG 20:2 Hooggantoonni namoota gosoota Israaʼel hundi wal gaʼii saba Waaqaa irratti argaman; loltoonni kuma dhibba afur goraadee hidhatanii turan.
JDG 20:3 Namoonni gosa Beniyaam akka Israaʼeloonni gara Miisphaatti ol baʼan dhagaʼan. Namoonni Israaʼelis, “Mee akka wanni hamaan kun itti hojjetame nutti himaa” jedhan.
JDG 20:4 Lewwichi dhirsi dubartii ajjeefamte sanaas akkana jedhee deebise; “Anii fi saajjatoon koo achi buluuf biyya Beniyaam Gibeʼaa dhufne.
JDG 20:5 Namoonni Gibeʼaas na ajjeesuuf halkan mana ani bule sana marsan. Isaanis saajjatoo koo humnaan gudeedan; isheenis ni duute.
JDG 20:6 Anis reeffa saajjatoo koo fuudhee gargari kukkutee gara biyyoota dhaala gosoota Israaʼel hundaatti erge; isaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa fi salphisaa akkasii hojjetaniiruutii.
JDG 20:7 Ammas isin Israaʼeloonni hundinuu irratti mariʼadhaatii murtii keessan kennaa.”
JDG 20:8 Namoonni hundi akkuma nama tokkootti kaʼanii akkana jedhan; “Nu keessaa namni tokko iyyuu gara mana isaatti hin galu. Nu keessaa namni tokko iyyuu mana isaatti hin deebiʼu.
JDG 20:9 Wanni nu Gibeʼaa goonu garuu kana: Akkuma ixaan nuu baʼetti itti duuluu dha.
JDG 20:10 Akka isaan warra duulaniif waan isaan nyaatan fidaniif, gosoota Israaʼel hunda keessaa nama dhibba tokko keessaa nama kudhan, nama kuma tokko keessaa nama dhibba tokko, nama kuma kudhan keessaa nama kuma tokko ni fudhanna. Duulli kunis yeroo Gibeʼaa ishee Beniyaam keessa jirtu sana qaqqabutti waan isaan Israaʼel irratti hojjetan sanaaf adabbii barbaachisaa ni kenna.”
JDG 20:11 Kanaafuu namoonni Israaʼel hundi walitti qabamanii akkuma nama tokkootti magaalattiitti duulan.
JDG 20:12 Gosoonni Israaʼel gara gosa Beniyaam hundaatti akkana jedhanii nama ergan; “Yakki hamaan gidduu keessanitti hojjetame kun maali?
JDG 20:13 Ammas akka nu isaan barbadeessinee Israaʼel keessaa hammina balleessinuuf namoota Gibeʼaa hamoo sana dabarsaa nutti kennaa.” Beniyaamonni garuu Israaʼeloota firoota isaanii dhagaʼuu didan.
JDG 20:14 Isaanis Israaʼeloota waraanuudhaaf magaalaawwan isaaniitii tokkummaadhaan gara Gibeʼaa dhufan.
JDG 20:15 Beniyaamonni yeruma tokkotti loltoota filatamoo Gibeʼaa keessa jiraatan dhibba torba irratti namoota goraadee hidhatan kuma digdamii jaʼa magaalaawwan isaaniitii hiriirsan.
JDG 20:16 Loltoota filatamoo kanneen hunda keessaa dhibba torba bitaachota tokkoon tokkoon isaanii rifeensatti dhagaa furrisanii hin dhabne turan.
JDG 20:17 Israaʼeloonni Beniyaamota malee iyyuu namoota goraadee hidhatan kuma dhibba afur qabu turan; kunneen hundinuu gootota turan.
JDG 20:18 Israaʼeloonni Beetʼeelitti ol baʼanii, “Beniyaamota waraanuudhaaf nu keessaa jalqabatti eenyu haa baʼuu?” jedhanii Waaqa gaafatan. Waaqayyos, “Yihuudaan jalqabatti haa baʼu” jedhee deebise.
JDG 20:19 Ijoolleen Israaʼelis ganamaan kaʼanii Gibeʼaa marsan.
JDG 20:20 Namoonni Israaʼel Beniyaamota waraanuuf baʼanii Gibeʼaatti iddoo iddoo isaanii qabatan.
JDG 20:21 Beniyaamonnis Gibeʼaadhaa baʼanii gaafuma sana dirree waraanaa irratti Israaʼeloota kuma digdamii lama fixan.
JDG 20:22 Namoonni Israaʼel garuu wal jajjabeessanii iddoodhuma gaafa duraa itti hiriiran sanatti iddoo iddoo isaanii qabatan.
JDG 20:23 Israaʼeloonni ol baʼanii hamma galgalaatti fuula Waaqayyoo duratti booʼan. Isaanis, “Nu obboloota keenya Beniyaamota waraanuuf amma illee ol baanuu?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan. Waaqayyos, “Itti ol baʼaa” jedhee deebise.
JDG 20:24 Israaʼeloonni guyyaa lammaffaatti gara Beniyaamotaatti dhiʼaatan.
JDG 20:25 Yeroo kanatti, Beniyaamonni Gibeʼaadhaa itti baʼanii Israaʼeloota goraadee hidhatan kuma kudha saddeet galaafatan.
JDG 20:26 Ergasii ijoolleen Israaʼel, sabni hundinuu Beetʼeelitti ol baʼanii achitti booʼaa fuula Waaqayyoo dura tataaʼan. Hamma galgalaattis soomanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan.
JDG 20:27 Israaʼeloonnis gorsa Waaqayyoo gaafatan. Bara sana taabonni kakuu Waaqaa achuma ture;
JDG 20:28 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar, ilmi Aroon fuula isaa dura tajaajilaa ture. Isaanis, “Nu amma illee obboloota keenya Beniyaamota waraanuuf haa baanu moo haa dhiifnu?” jedhanii gaafatan. Waaqayyos, “Baʼaa; ani bori isaan dabarsee harka keessanitti kennaatii” jedheen.
JDG 20:29 Kanaafuu Israaʼeloonni naannoo Gibeʼaatti riphan.
JDG 20:30 Isaanis guyyaa sadaffaatti Beniyaamotatti duulanii akkuma duraan godhan sana Gibeʼaa waraanuudhaaf iddoo iddoo isaanii qabatan.
JDG 20:31 Beniyaamonnis isaan waraanuuf baʼanii magaalaa sana irraa fagaatan. Akkuma kanaan duraas Israaʼeloota dhaʼuu jalqaban; daandiiwwan Beetʼeeliitii fi Gibeʼaa irrattis namoota Israaʼel gara soddoma ajjeesan.
JDG 20:32 Beniyaamonnis, “Kunoo nu akkuma kanaan duraa isaan moʼachaa jirra” jedhan; Israaʼeloonni immoo, “Kottaa nu gara dugda duubaatti deebinee akka isaan magaalaa keessaa baʼan goonaa” jedhan.
JDG 20:33 Namoonni Israaʼel hundinuu iddoo turanii kaʼanii Baʼaal Taamaaritti iddoo iddoo isaanii qabatan; waraanni Israaʼel kan riphee eegaa tures karaa lixa Gibeʼaatiin itti baʼe.
JDG 20:34 Sana booddees namoonni Israaʼel filatamoon kuma kudhan Gibeʼaa irratti waraana banan. Waraanni sunis akka malee cimaa ture; Beniyaamonni garuu akka badiin isaanitti dhiʼaatee jiru hin beekne ture.
JDG 20:35 Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duratti Beniyaamota dhaʼe; Israaʼeloonni gaafas Beniyaamota 25,100 kanneen hundi isaanii goraadee hidhatan fixan.
JDG 20:36 Kanaafuu Beniyaamonni akka moʼataman hubatan. Yeroo kanatti Israaʼeloonni waraana isaanii kan naannoo Gibeʼaatti riphee jiru sana abdatanii waan moʼataman fakkeessanii Beniyaamotaaf iddoo gad dhiisan.
JDG 20:37 Waraanni Israaʼel riphee ture sunis yeruma tokkoon cabsee Gibeʼaa seenee magaalattii goraadeedhaan dhaʼe.
JDG 20:38 Namoonni Israaʼelis akka waraanni riphee ture sun magaalaa keessaa mallattoo duumessa aaraa guddaa isaa argisiisu walii galanii turan;
JDG 20:39 akkasiinis namoonni Israaʼel gara lolaatti dachaʼan. Beniyaamonni waraana jalqabanii Israaʼeloota soddoma ajjeesan; kanaafuu, “Nu akkuma yeroo jalqabaa sana isaan moʼachaa jirra” jedhan.
JDG 20:40 Garuu yommuu magaalattii keessaa aarri ol baʼuu jalqabetti Beniyaamonni of irra garagalanii aara guutummaa magaalattii keessaa samiitti ol baʼaa jiru argan.
JDG 20:41 Kana irratti namoonni Israaʼel Beniyaamotatti garagalan; Beniyaamonni akka balaan isaanitti dhufe beekanii akka malee sodaataniitii.
JDG 20:42 Kanaafuu isaan gara gammoojjiitti fuula deeffatanii Israaʼeloota duraa baqatan. Garuu jalaa baʼuu hin dandeenye. Namoonni Israaʼel kanneen magaalaa sanaa baʼanii dhufan achitti isaan fixan.
JDG 20:43 Isaanis jara marsanii ariʼuudhaan fuullee baʼa Gibeʼaatti isaan moʼatan.
JDG 20:44 Loltoonni Beniyaam jajjaboon kuma kudha saddeet ni galaafataman.
JDG 20:45 Utuu isaan garagalanii gara gammoojjii kattaa Rimoonitti baqachaa jiranuu namoonni kuma shan karaa irratti jalaa dhuman. Israaʼeloonni ammas hamma Gidoomitti warra hafan duukaa buʼanii nama kuma lama ajjeesan.
JDG 20:46 Gaafas Beniyaamota goraadee hidhatan kuma digdamii shanitu ajjeefame; hundi isaaniis loltoota bebeekamoo turan.
JDG 20:47 Namoonni dhibba jaʼa garuu garagalanii gara gammoojjiitti kattaa Rimoonitti baqatan; jiʼa afuris achi turan.
JDG 20:48 Namoonni Israaʼel immoo gara Beniyaamotaatti dachaʼanii guutummaa magaalaa sanaa, horii fi waan achitti argan hunda goraadeen fixan. Magaalaa itti dhufan hundas ibiddaan guban.
JDG 21:1 Israaʼeloonni, “Nu keessaa namni tokko illee Beniyaamotatti intala isaa heerumsiisuu hin qabu” jedhanii Miisphaatti wal kakachiisanii turan.
JDG 21:2 Sabnis gara Beetʼeel dhaqanii hamma galgalaatti fuula Waaqaa dura taaʼuudhaan sagalee isaanii ol fuudhanii hiqqifatanii booʼan.
JDG 21:3 Isaanis, “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, wanni kun maaliif Israaʼel irra gaʼe? Harʼa gosti tokko maaliif Israaʼel keessaa dhabamaa?” jedhanii iyyan.
JDG 21:4 Namoonnis guyyaa itti aanutti ganamaan iddoo aarsaa tolchanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessan.
JDG 21:5 Ergasiis Israaʼeloonni, “Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa gosti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhanii gaafatan. Namni fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin haa ajjeefamu jedhanii Miisphaatti walii kakatanii turaniitii.
JDG 21:6 Israaʼeloonni garuu obboloota isaanii Beniyaamotaaf garaa laafanii akkana jedhan; “Harʼa gosti tokko Israaʼel irraa citeera.
JDG 21:7 Egaa warra hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya? Nu akka intallan keenya isaanitti hin heerumsiifne Waaqayyoon kakanneerraatii.”
JDG 21:8 Ergasiis, “Gosti Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhan. Isaanis akka namni tokko iyyuu Yaabeesh Giliʼaadii gara qubataa wal gaʼiidhaaf hin dhufin beekan.
JDG 21:9 Yeroo namoota lakkaaʼanittis akka namni Yaabeesh Giliʼaad tokko iyyuu achi hin jirre hubatan.
JDG 21:10 Kanaafuu waldaan sun loltoota kuma kudha lama gara Yaabeesh Giliʼaad ergee akka isaan warra achi jiraatan, dubartootaa fi daaʼimman dabalanii goraadeedhaan fixan ajaje.
JDG 21:11 Isaanis, “Wanni isin gochuu qabdan kanaa dha; dhiira hundaa fi dubartoota durbummaa hin qabne hunda ajjeesaa” jedhan.
JDG 21:12 Isaanis namoota Yaabeesh Giliʼaad keessa jiraatan keessaa dubarran takkumaa dhiirri bira hin gaʼin dhibba afur argatan; gara biyya Kanaʼaan kan qubata Shiilootti argamu sanaattis isaan fidan.
JDG 21:13 Ergasiis waldaan guutuun Beniyaamota kattaa Rimoon bira jiraatanitti waamicha nagaa ergan.
JDG 21:14 Beniyaamonnis yeroo sanatti ni dachaʼan; dubartoonni Yaabeesh Giliʼaad kanneen duʼa jalaa baraaraman akka niitota isaaniif taʼaniif kennamaniif; garuu hunda isaanii wal hin geenye.
JDG 21:15 Namoonnis sababii Waaqayyo gosoota Israaʼel gidduutti gargari baʼumsa uumeef Beniyaamiif gaddan.
JDG 21:16 Maanguddoonni waldaas akkana jedhan; “Dubartoonni Beniyaam dhumaniiru; egaa dhiirota hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya?
JDG 21:17 Akka gosti tokko Israaʼel keessaa hin badneef Beniyaamonni hafan dhaaltota argachuu qabu.
JDG 21:18 Nu Israaʼeloonni sababii, ‘Namni intala isaa Beniyaamotatti heerumsiisu haa abaaramu’ jennee kakanneef, intallan keenya niitummaadhaan isaanii kennuu hin dandeenyu.
JDG 21:19 Kunoo ayyaanni Waaqayyoo tokko wagguma waggaan Shiilootti ni ayyaaneffama; Shiiloon kunis Beetʼeel irraa gara kaabaatti, karaa Beetʼeelii baʼee Sheekemitti geessu irraa gara baʼaatti akkasumas Leboonaa irraa gara kibbaatti argamti.”
JDG 21:20 Kanaafuu isaan akkana jedhanii Beniyaamota gorsan; “Dhaqaa iddoo dhaabaa wayinii keessa riphaa eeggadhaa.
JDG 21:21 Ilaalaa; yommuu dubarri Shiiloo sirbaaf baʼanitti iddoo dhaabaa wayinii keessaa baʼaatii tokkoo tokkoo keessaniif niitii tokko tokko qabaadhaatii gara Beniyaamitti deebiʼaa.
JDG 21:22 Yommuu abbootiin isaanii yookaan obboloonni isaanii nutti himatanitti, ‘Sababii nu yeroo waraanaatti tokkoo tokkoo isaaniitiif niitii arguu hin dandaʼiniif isin isaan gargaaruudhaan dhiifama nuu godhaa; isinis sababii jaallattanii dubara keessan hin kenniniif balleessaa hin qabdan’ jennaan.”
JDG 21:23 Beniyaamonnis akkuma isaanitti himame sana godhan; utuma dubarran sirbaa jiranuus tokkoon tokkoon namaa tokko tokko butee akka niitii isaa taatuuf fudhatee qajeele. Ergasiis gara dhaala isaaniitti deebiʼanii magaalaa isaanii haaromfatanii achi jiraatan.
JDG 21:24 Yeroo sanattis ijoolleen Israaʼel iddoo sanaa kaʼanii gara mana isaanii, gara gosa isaanii, gara lammii isaaniitii fi gara dhaala isaaniitti deebiʼan.
JDG 21:25 Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.
RUT 1:1 Bara abbootiin murtii bulchaa turanitti beelli biyyatti buʼe; namichi Beetlihem Yihuudaa keessa jiraatu tokko niitii isaatii fi ilmaan isaa lamaan fudhatee biyya Moʼaab jiraachuu dhaqe.
RUT 1:2 Maqaan namichaa Eliimelek, maqaan niitii isaa Naaʼomiin, maqaan ilmaan isaa lamaanii immoo Mahiloonii fi Kiliiyoon jedhama ture. Isaanis namoota Efraataa kan biyya Yihuudaa Beetlihem keessa jiraatan turan. Jarris biyya Moʼaab dhaqanii achi jiraatan.
RUT 1:3 Eliimelek dhirsi Naaʼomiin ni duʼe; isheenis ilmaan ishee lamaan wajjin hafte.
RUT 1:4 Isaanis dubartoota Moʼaab fuudhan; isheen tokko Orphaa kaan immoo Ruut jedhamti. Erga isaan waggaa kudhan achi jiraatanii booddee,
RUT 1:5 Mahiloonii fi Kiliiyoon ni duʼan. Naaʼomiinis ilmaan ishee lamaanii fi dhirsa ishee dhabdee kophaa hafte.
RUT 1:6 Isheenis utuu Moʼaab jirtuu akka Waaqayyo saba isaa yaadatee nyaata kenneef dhageesse; Naaʼomiinii fi Niitonni ilmaan ishees gara biyya isheetti deebiʼuuf qophaaʼan.
RUT 1:7 Isheenis iddoo jiraachaa turtee kaatee niitota ilmaan ishee wajjin gara biyya Yihuudaatti deebiʼuuf karaa qabatte.
RUT 1:8 Ergasiis Naaʼomiin niitota ilmaan ishee lamaaniin akkana jette; “Tokkoon tokkoon keessan gara mana haadhota keessaniitti deebiʼaa. Akkuma dhirsoota keessan kanneen duʼanii fi anaafis arjoomtan sana Waaqayyo isiniif haa arjoomu.
RUT 1:9 Waaqayyo tokkoo tokkoo keessaniifis mana dhirsa itti heerumtaniitti boqonnaa isinii haa kennu.” Isheenis ergasii isaan dhungate; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼanii
RUT 1:10 “Waawuu, nu si wajjin gara saba keetiitti deebina” jedhaniin.
RUT 1:11 Naaʼomiin garuu akkana jette; “Yaa intallan ko, gara mana keessaniitti deebiʼaa. Maaliif na wajjin deemtu? Ani siʼachi ilmaan dhirsa isiniif taʼuu dandaʼan daʼaa?
RUT 1:12 Yaa intallan koo gara mana keessaniitti deebiʼaa; ani dhirsa biraatti heerumuudhaaf dulloomeera. Yoo ani abdii qaba jedhee halkanuma kana heerumee ilmaan daʼe illee,
RUT 1:13 isin hamma isaan guddatanitti ni eeggattuu? Isaan eeggachuuf jettanii utuu hin heerumin haftuu ree? Lakkii yaa intallan koo. Kun isin caalaa natti ulfaata; harki Waaqayyoo natti garagaleeraatii!”
RUT 1:14 Isaan amma illee sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. Kana irratti Orphaan haadha dhirsa ishee dhungattee nagaatti jetteen; Ruut garuu isheetti marmite.
RUT 1:15 Naaʼomiinis, “Kunoo, waarsaan kee gara saba isheetii fi waaqota isheetti deebiʼaa jirti. Atis ishee wajjin deebiʼi” jetteen.
RUT 1:16 Ruut garuu akkana jettee deebifte; “Akka ani si dhiisu yookaan si biraa deebiʼu na hin dirqisiisin. Iddoo ati deemtu nan deema; iddoo ati jiraattus nan jiraadha. Sabni kee saba koo ni taʼa; Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.
RUT 1:17 Iddoo ati itti duututti anis nan duʼa; achittis nan awwaalama. Siʼachi yoo duuti gargari nu baase malee yoo ani si dhiisee deeme Waaqayyo na haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu.”
RUT 1:18 Naaʼomiinis yeroo akka Ruut ishee wajjin deemuuf murteessite hubattetti ishee dirqisiisuu dhiifte.
RUT 1:19 Kanaafuu dubartoonni lachuu hamma Beetlihemitti deeman. Yommuu isaan Beetlihem gaʼanittis sababii isaaniitiif guutummaan magaalattii raafamte; dubartoonnis, “Isheen kun Naaʼomiinii?” jedhan.
RUT 1:20 Isheenis akkana isaaniin jette; “Naaʼomiin jettanii na hin waaminaa! Sababii Waaqni Waan Hunda Dandaʼu jireenya koo hadheesseef Maaraa jedhaatii na waamaa.
RUT 1:21 Ani harka guutuudhaan baʼe; Waaqayyo garuu harka duwwaa na deebise. Isin maaliif Naaʼomiin naan jettu? Waaqayyo na dhiphiseera; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu rakkina natti fideeraatii.”
RUT 1:22 Kanaafuu Naaʼomiin, niitii ilma ishee Ruut Moʼaabittii wajjin yeroo garbuun haamamuu jalqabutti Moʼaabii gara Beetlihemitti deebite.
RUT 2:1 Naaʼomiin balbala Eliimelek keessaa fira dhirsa ishee namicha sooressa Boʼeez jedhamu tokko qabdi turte.
RUT 2:2 Ruut Moʼaabittiinis Naaʼomiiniin, “Ani nama fuula isaa duratti fudhatama argadhu duubaan qarmii funaannachuuf gara lafa qotiisaatti achi nan baʼa” jette. Naaʼomiinis, “Yaa intala koo dhaqi” jetteen.
RUT 2:3 Kanaafuu isheen gara lafa qotiisaa dhaqxee warra midhaan haaman duubaan qarmii funaannachuu jalqabde. Isheen utuma qarmii funaannachaa jirtuu akka lafti qotiisaa isheen keessa jirtu sun kan Boʼeez taʼe hubatte; Boʼeez kunis sanyii Eliimelek ture.
RUT 2:4 Yeruma sanatti Boʼeez Beetlihemii dhufee warra midhaan haamaniin, “Waaqayyo isin wajjin haa taʼu!” jedhee nagaa isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Waaqayyo si haa eebbisu!” jedhaniin.
RUT 2:5 Boʼeezis dura buʼaa hojjettoota isaatiin, “Intalli kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate.
RUT 2:6 Dura buʼaan sunis akkana jedhee deebise; “Isheen nama Moʼaab; Naaʼomiin wajjin biyya Moʼaabii dhufte.
RUT 2:7 Isheenis, ‘Maaloo akka ani hojjettoota duubaan bissii gidduudhaan qarmii funaannadhu naa eeyyami’ jette. Isheen yeroo xinnoof gaaddisa jala boqotte malee ganamaa jalqabdee hamma ammaatti jabaattee hojjechaa turte.”
RUT 2:8 Kana irratti Boʼeez Ruutiin akkana jedhe; “Yaa intala koo na dhagaʼi. Gara lafa qotiisaa biraa dhaqxee qarmii hin funaanin; iddoo kanaas hin deemin. Asuma hojjettoota koo dubarran wajjin turi.
RUT 2:9 Lafa qotiisaa warri dhiiraa keessaa haaman ilaaliitii dubarran duukaa buʼi. Akka isaan siʼi hin tuqne ani warra dhiiraatti himeera. Yeroo dheebottus qodaa bishaanii dhiironni guutan keessaa budduuqsii dhugi.”
RUT 2:10 Kana irrattis isheen addaan lafatti gombifamtee, “Ani utuu nama biyya ormaa taʼee jiruu fuula kee duratti surraa argadhee ati na arguun kee kun maaliifi?” jettee isa gaafatte.
RUT 2:11 Boʼeez immoo akkana jedhee deebiseef; “Waan ati erga dhirsi kee duʼee jalqabee haadha dhirsa keetiitiif goote hundumaa, akka ati itti abbaa kee, haadha keetii fi biyya kee dhiiftee saba kanaan dura hin beekin wajjin jiraachuudhaaf dhuftes dhagaʼeera.
RUT 2:12 Waaqayyo waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. Waaqayyo Waaqni Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu.”
RUT 2:13 Isheenis akkana jette; “Yaa gooftaa ko, ani yoo akka hojjettoota kee dubarran keessaa akka ishee tokkootti madaalamuu baadhe illee sababii ati na jajjabeessitee gara laafinaan ana garbittii keetti dubbatteef ani fuula kee duratti surraa argadheera.”
RUT 2:14 Boʼeezis yeroo laaqanaatti, “As kottu. Buddeenas fudhadhuutii wayinii dhangaggaaʼaatti cuuphadhu” jedheen. Yeroo isheen hojjettoota wajjin teessettis asheetii waadame kenneef. Isheenis nyaattee quuftee xinnoon irraa hafeef.
RUT 2:15 Akkuma isheen qarmii funaannachuuf ol kaateenis Boʼeez akkana jedhee hojjettoota isaa ajaje; “Yoo isheen bissii gidduudhaa illee qarmii funaannatte ishee hin rifachiisinaa.
RUT 2:16 Qooda kanaa bissii keessaa tokko tokko luqqisaatii akka isheen funaannatuuf lafa bubuusaafii malee isheetti hin dheekkaminaa.”
RUT 2:17 Kanaafuu Ruut hamma galgalaatti lafa qotiisaa keessaa funaannatte. Garbuu funaannatte sanas ni sukkuumatte; innis gara safartuu iifii tokkoo taʼe.
RUT 2:18 Isheenis garbuu sana baadhattee magaalaatti deebite; haati dhirsa ishees wanni isheen funaannatte hammam akka taʼe argite. Akkasumas Ruut waan guyyaa nyaattee quuftee ishee irraa hafe sana gad baaftee kenniteef.
RUT 2:19 Haati dhirsa ishees, “Ati harʼa eessaa funaannatte? Eessa hojjechaa oolte? Namni xiyyeeffannoo kana siif kenne sun haa eebbifamu!” jette. Ergasiis Ruut waaʼee namicha lafa qotiisaa isaa keessaa funaannachaa oolte sanaa haadha dhirsa isheetti himte. Isheenis, “Maqaan namicha ani harʼa bira hojjechaa oole sanaa Boʼeez jedhama” jette.
RUT 2:20 Naaʼomiinis, “Waaqayyo inni warra jiraniifis warra duʼaniifis gara laafina gochuu hin dhiifne sun isa haa eebbisu!” jette. Itti dabaluudhaanis, “Inni fira keenya kan dhiʼoo ti; warra nu dhaaluun irra jiru keessaas isa tokkoo dha” isheedhaan jette.
RUT 2:21 Ergasiis Ruut Moʼaabittiin, “Inni, ‘Hamma isaan midhaan koo hunda walitti qabanii fixanitti iyyuu hojjettoota koo wajjin turi’ naan jedheera” jetteen.
RUT 2:22 Naaʼomiinis niitii ilma ishee Ruutiin, “Yaa intala ko, dubarran isaa wajjin ooluun siif gaarii dha; ati yoo gara lafa qotiisaa nama biraa deemte, miidhaan sirra gaʼuu dandaʼaatii” jette.
RUT 2:23 Kanaafuu Ruut hamma garbuu fi qamadiin haamamee dhumutti tajaajiltoota Boʼeez dubarran wajjin turte. Haadha dhirsa ishee wajjinis jiraatte.
RUT 3:1 Gaaf tokko Naaʼomiin haati dhirsa ishee akkana isheedhaan jette; “Yaa intala ko, ani akka ati itti boqottuuf mana mijaaʼaa siif barbaaduu hin qabuu?
RUT 3:2 Boʼeez namichi ati tajaajiltoota isaa dubarran sana wajjin turte sun fira keenya mitii? Inni edana oobdiitti garbuu qulleeffata.
RUT 3:3 Kanaafuu dhidhiqadhuutii shittoo dibadhu; uffata kee isa bareedaa illee uffadhu. Ergasiis gara oobdichaa dhaqi; inni garuu hamma nyaatee dhugee raawwatutti akka ati achi jirtu hin beekin.
RUT 3:4 Yeroo inni rafutti iddoo inni rafe hubadhu. Ergasii dhaqiitii wayyaa miilla isaa irraa saaqii ciisi. Innis waan ati gochuu qabdu sitti hima.”
RUT 3:5 Ruutis, “Ani waan ati jettu hunda nan godha” jettee deebifte.
RUT 3:6 Kanaafuu Ruut gara oobdii sanaatti gad buutee waan haati dhirsa ishee godhi jetteen hundumaa goote.
RUT 3:7 Boʼeezis erga nyaatee dhugee gammadee booddee achi fagaatee tuulaa midhaanii bira rafuu dhaqe. Ruutis suuta jettee dhaqxee miilla isaa irraa wayyaa saaqxee rafte.
RUT 3:8 Halkan walakkaatti wanni tokko namicha rifachiise; innis yommuu of irra garagalee ilaaletti dubartii miilla isaa jala ciiftu tokko arge.
RUT 3:9 Innis, “Ati eenyu?” jedhee gaafate. Isheenis, “Ana Ruut tajaajiltuu kee ti. Ati sababii na dhaaluuf fira dhiʼoo taateef handaara wayyaa keetii narra buusi” jetteen.
RUT 3:10 Innis deebisee akkana jedheen; “Yaa intala too, Waaqayyo si haa eebbisu; arjummaan kun arjummaa ati kanaan dura goote sana caala; ati dargaggeessa yookaan sooressa yookaan hiyyeessa faana hin deemneetii.
RUT 3:11 Ammas yaa intala koo hin sodaatin. Ani waan ati gaafattu hunda siif nan godha. Sabni magaalaa koo keessa jiraatu hundi akka ati dubartii amala gaarii qabdu taate ni beeka.
RUT 3:12 Akka ani fira dhiʼoo taʼe beekamaa dha; taʼus namni dhaaluudhaaf ana caalaa fira dhiʼoo taʼe jira.
RUT 3:13 Asuma buli; bori ganama namichi yoo si dhaaluu barbaade gaarii dha; inni si haa dhaalu. Yoo inni si dhaaluu hin barbaanne garuu dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani sin dhaala. Hamma lafti bariitutti asuma ciisi.”
RUT 3:14 Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti miilla isaa jala ciifte; garuu utuu namni tokko iyyuu hin beekin dursitee kaate; Boʼeez, “Dubartiin gara oobdii kanaa dhufuun ishee beekamuu hin qabu” jedheeraatii.
RUT 3:15 Akkasumas, “Wayyaa irraan uffatte ofi irraa fuudhii diriirsii qabi” jedheen. Isheenis ni diriirsite; inni garbuu safartuu jaʼa safaree ishee baachise. Ergasiis gara magaalaatti deebite.
RUT 3:16 Yommuu Ruut gara haadha dhirsa isheetti deebitetti Naaʼomiin, “Yaa intala ko, wanni sun akkam taʼe?” jettee ishee gaafatte. Isheenis waan Boʼeez isheef godhe hunda itti himte;
RUT 3:17 itti dabaltees, “ ‘Gara haadha dhirsa keetti harka duwwaa hin deebiʼin’ jedhee garbuu safartuu jaʼaa kana naa kenne” jetteen.
RUT 3:18 Naaʼomiin immoo, “Yaa intala ko, hamma waan dhufu argitutti obsi. Namichi hamma dubbiin kun harʼa fala argatutti hin boqotu” isheedhaan jette.
RUT 4:1 Boʼeez gara karra magaalaatti baʼee achi taaʼe. Innis yommuu namichi dhaaluuf isa caalaa fira dhiʼoo taʼe sun dhufetti, “Yaa michuu ko, as kottuutii na bira taaʼi” jedheen. Kanaafuu inni dhaqee taaʼe.
RUT 4:2 Boʼeezis maanguddoota magaalaa keessaa kudhan waamee, “As taaʼaa” jedheen; isaanis ni tataaʼan.
RUT 4:3 Kana irratti namicha dhaaluuf aantummaa qabu sanaan akkana jedhe; “Naaʼomiin isheen Moʼaabii deebite sun lafa obboleessa keenya Eliimelek gurguruuf jirti.
RUT 4:4 Kanaafuu akka ati fuula warra as tataaʼaniitii fi fuula maanguddoota saba kootii duratti lafa kana bittuuf ani waan kana sitti himuu yaade. Yoo ofii keetiif dhaaluu barbaadde dhaali. Yoo dhaaluu baatte garuu akka ani beekuuf natti himi. Waan kana gochuuf si malee namni mirga qabu tokko iyyuu hin jiruutii; namni sitti aanee aantummaa qabu ana.” Namichis, “Ani nan dhaala” jedhe.
RUT 4:5 Boʼeezis, “Egaa gaafa Naaʼomiinii fi Ruuti Moʼaabittii irraa lafa bittutti ati maqaa namicha duʼe sanaa qabeenya isaatiin waamsisuudhaaf niitii isaa illee fudhachuu qabda” jedheen.
RUT 4:6 Kana irratti firri dhiʼoo sun, “Yoos ani qabeenya mataa kootti rakkina fiduu dandaʼaatii dhaaluu hin dandaʼu. Ati mataan kee mirga dhaaluu kootii fudhadhuutii dhaali. Ani waan kana gochuu hin dandaʼu” jedheen.
RUT 4:7 Bara durii biyya Israaʼeliitti dhaalaa fi qabeenya walitti dabarsuun gareen tokko kophee isaa of irraa baasee garee kaaniif kennuudhaan mirkaneeffama ture. Israaʼel keessatti bituu fi gurguruun haaluma kanaan mirkaneeffama ture.
RUT 4:8 Kanaafuu namichi dhaaluuf fira dhiʼoo ture sun Boʼeeziin, “Ati mataan kee bitadhu” jedhee kophee of irraa baase.
RUT 4:9 Boʼeezis maanguddootaa fi saba hundaan akkana jedhe; “Akka ani qabeenya Eliimelek, qabeenya Kiliiyooniitii fi qabeenya Mahiloon hunda Naaʼomiin irraa bite isin harʼa dhugaa baatota.
RUT 4:10 Akkasumas akka maqaan isaa maatii isaa keessaa yookaan biyya isaa keessaa hin badneef ani qabeenya isaatiin maqaa isaa waamsisuudhaaf Ruuti Moʼaabittii niitii Mahiloon kana niitii godhadhee fuudhuu kootiif isin harʼa dhugaa baatota!”
RUT 4:11 Maanguddoonnii fi namoonni karra sana dura turan hundinuu akkana jedhan; “Nu dhugaa baatota. Waaqayyo dubartii mana kee dhufaa jirtu kana akka Raahelii fi Liyaa warra tokkummaadhaan mana Israaʼel ijaaran sanaa haa godhu. Ati Efraataa keessatti nama jabaa, Beetlihem keessatti immoo beekamaa taʼi.
RUT 4:12 Karaa sanyii Waaqayyo dubartii dargaggeettii kana irraa siif kennuutiin maatiin kee akkuma maatii Faares isa Taamaar Yihuudaadhaaf deesse sanaa haa taʼu.”
RUT 4:13 Kanaafuu Boʼeez Ruutin fudhatee niitii godhate. Ishee wajjinis ciise; Waaqayyos akka isheen ulfooftee ilma deessu ishee gargaare.
RUT 4:14 Dubartoonnis Naaʼomiiniin akkana jedhan; “Waaqayyo inni nama si dhaalu si hin dhabsiisin sun haa eebbifamu. Guutummaa Israaʼel keessattis inni maqaa haa qabaatu!
RUT 4:15 Innis jireenya kee ni haaromsa; bara dulluma keetiittis si soora. Niitiin ilma keetii isheen si jaallattu kan ilmaan torba siif caaltu sun isa deesseertiitii.”
RUT 4:16 Naaʼomiinis mucicha fuutee hammatte; guddiftuu isaa illee taate.
RUT 4:17 Dubartoonni ollaas, “Naaʼomiin mucaa argatte” jedhan. Maqaa isaas Oobeedi jedhan. Inni akaakayyuu Daawit, abbaa Isseey.
RUT 4:18 Egaa hiddi dhaloota Faares kanaa dha: Faares abbaa Hezroon;
RUT 4:19 Hezroon immoo abbaa Raam; Raam abbaa Amiinaadaab;
RUT 4:20 Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon; Nahishoon abbaa Salmoon;
RUT 4:21 Salmoon immoo abbaa Boʼeez; Boʼeez immoo abbaa Oobeedi;
RUT 4:22 Oobeedi immoo abbaa Isseey; Isseey immoo abbaa Daawit.
1SA 1:1 Namicha biyya gaara Efreem keessa Raamaatayiim Zoofiim jiraatu kan maqaan isaa Elqaanaa jedhamu tokkotu ture; innis ilma Yeroohaam, ilma Eliihuu, ilma Toohuu, ilma Zuufi, ilma Naasiib ture.
1SA 1:2 Innis niitii lama qaba ture; maqaan ishee tokko Haannaa, kaan immoo Pheniinaa jedhama ture. Pheniinaan ijoollee qabdi; Haannaan garuu ijoollee tokko illee hin qabdu ture.
1SA 1:3 Elqaanaan wagguma waggaadhaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa dhiʼeessuu fi sagaduudhaaf magaalaa jiraatuu kaʼee gara Shiilootti ol baʼa ture. Achittis ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaas luboota Waaqayyoo turan.
1SA 1:4 Yommuu guyyaan itti Elqaanaan aarsaa dhiʼeessu gaʼutti inni niitii isaa Pheniinaa, ilmaan isaatii fi intallan isaa hundaaf foon sana irraa qooda isaanii ni kenna ture.
1SA 1:5 Inni sababii Haannaa jaallatuuf qooda harka lama isheedhaaf kenna ture; Waaqayyo garuu gadameessa ishee cufee ture.
1SA 1:6 Sababii Waaqayyo gadameessa Haannaa cufeef masaanuun ishee akka isheen aartuuf ishee tuttuqaa turte.
1SA 1:7 Kunis wagguma waggaadhaan itti fufe. Yeroo Haannaan gara mana Waaqayyootti ol baatutti masaanuun ishee, ishee tuttuqaa turte; kanaafuu Haannaan ni boossi, nyaatas hin nyaattu turte.
1SA 1:8 Dhirsi ishee Elqaanaanis, “Haannaa ati maaliif boossa? Maaliif hin nyaattu? Garaan kee maaliif gaddaa? Ani ilmaan kudhan siif hin caaluu?” Isheen jedha ture.
1SA 1:9 Gaafa tokko isaan Shiilootti erga nyaatanii dhuganii booddee Haannaan ol kaatee dhaabate. Eeliin lubichi dhaaba balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo bira barcuma irra taaʼaa ture.
1SA 1:10 Haannaanis guddaa gadditee hiqqifatee booʼuudhaan Waaqayyoon kadhatte.
1SA 1:11 Akkanas jettee wareegde; “Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa Waaqayyoof nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu.”
1SA 1:12 Yeroo Haannaan ittuma fuftee fuula Waaqayyoo duratti kadhachaa turtettis Eeliin afaan ishee ilaalaa ture.
1SA 1:13 Haannaanis garaa isheetti kadhachaa turte; hidhii isheetu sochoʼa malees sagaleen ishee hin dhagaʼamu ture. Kanaafuu Eeliin waan isheen machoofte seʼee,
1SA 1:14 “Ati hamma yoomiitti machoofta? Daadhii wayinii kee of irraa fageessi” jedheen.
1SA 1:15 Haannaanis akkana jettee deebifte; “Lakki akkas miti; yaa gooftaa ko, ani dubartii akka malee dhiphatee dha. Ani lubbuu koo fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase malee daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne.
1SA 1:16 Ati garbittii kee akka dubartii faayidaa hin qabne tokkootti hin ilaalin. Ani sababii dhiphinaa fi gadda koo guddaa sanaatiif hamma ammaatti kadhachaara.”
1SA 1:17 Eeliinis, “Nagaan deemi; Waaqni Israaʼel waan ati kadhatte siif haa kennu” jedhee deebiseef.
1SA 1:18 Isheenis, “Garbittiin kee fuula kee duratti surraa haa argattu” jette. Ergasiis deemsa ishee itti fufte; nyaata ni nyaatte; gaddis fuula ishee irratti hin mulʼanne.
1SA 1:19 Isaanis guyyaa itti aanu ganama barii kaʼanii fuula Waaqayyoo duratti sagadanii gara mana isaanii Raamaatti deebiʼan. Elqaanaan niitii isaa Haannaa bira gaʼe; Waaqayyos ishee yaadate.
1SA 1:20 Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, “Ani Waaqayyo irraa isa kadhadheeraatii” jettee Saamuʼeel jettee moggaafte.
1SA 1:21 Elqaanaan warra mana isaa jiraatan hunda wajjin Waaqayyoof aarsaa waggaa dhiʼeessuu fi wareega isaa galchuuf ol baʼe;
1SA 1:22 Haannaan garuu hin dhaqne. Isheenis dhirsa isheetiin, “Erga mucaan kun harma guʼee booddee ani isa geesseen fuula Waaqayyoo duratti isa dhiʼeessa; innis jireenya isaa guutuu achuma jiraata” jette.
1SA 1:23 Dhirsi ishee Elqaanaanis, “Waanuma jaallatte godhi; ati hamma harma isa guusiftutti asuma turi; Waaqayyo garuu dubbii isaa fiixaan haa baasu” jedheen. Kanaafuu dubartittiin mana turtee hamma harma isa guusiftutti ilma ishee hoosifte.
1SA 1:24 Ishee erga mucicha harma guusiftee booddee mucichaa fi dibicha loonii kan umuriin isaa waggaa sadii taʼe, daakuu iifii tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko fudhattee gara Shiiloo gara mana Waaqayyootti fidde. Mucichis daaʼima ture.
1SA 1:25 Isaanis dibicha sana qalanii mucicha gara Eeliitti fidan;
1SA 1:26 isheenis akkana jetteen; “Yaa gooftaa ko, duʼa lubbuu keetii ti; dubartiin as si bira dhaabattee Waaqayyoon kadhachaa turte sun anuma.
1SA 1:27 Ani mucaa kana argachuuf kadhadheera; Waaqayyos waan ani isa kadhadhe naaf kenneera.
1SA 1:28 Kanaafuu ani amma Waaqayyoofan isa kenna. Bara jireenya isaa guutuu Waaqayyoof ni kennama.” Isaanis achitti Waaqayyoof sagadan.
1SA 2:1 Haannaanis akkana jettee kadhatte: “Garaan koo Waaqayyotti ni gammada; gaanfi koos Waaqayyoon ol kaafama. Afaan koos diinota koo irratti of jaja; ani fayyisuu keetti nan gammadaatii.
1SA 2:2 “Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru; si malees eenyu iyyuu hin jiru; kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.
1SA 2:3 “Of jajuudhaan hin dubbatinaa; yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin; Waaqayyo Waaqa beekaadhaatii; hojiiwwanis isaan madaalamu.
1SA 2:4 “Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru; namoonni dadhaboon garuu humna hidhataniiru.
1SA 2:5 Warri quufanii turan buddeenatti of gurguraniiru; warri beelaʼanii turan garuu siʼachi hin beelaʼan. Isheen dhabduu turte ijoollee torba deesse; isheen ijoollee baayʼee qabdu immoo ni dhabde.
1SA 2:6 “Waaqayyo ni ajjeesa; ni fayyisas; siiʼoolitti gad ni buusa; olis ni baasa.
1SA 2:7 Waaqayyo ni hiyyoomsa; ni sooromsas; ni salphisa; ni ulfeessas.
1SA 2:8 Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa; rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa; barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa. “Hundeewwan lafaa kan Waaqayyoo ti; inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera.
1SA 2:9 Inni miilla qulqulloota isaa ni eega; namoonni hamoon garuu dukkana keessatti calʼisu. “Namni jabina isaatiin hin moʼatu;
1SA 2:10 warri Waaqayyoon morman ni caccabsamu. Inni samiidhaa isaanitti qaqawweessaʼa. Waaqayyo daarii lafaatti ni murteessa. “Inni mootii isaatiif jabina ni kenna; gaanfa dibamaa isaa illee ol ni kaasa.”
1SA 2:11 Ergasii Elqaanaan gara mana isaa Raamaatti gale; mucichi garuu Eelii lubicha jalatti fuula Waaqayyoo dura tajaajilaa ture.
1SA 2:12 Ilmaan Eelii namoota hamoo turan; Waaqayyonis hin sodaatan ture.
1SA 2:13 Akka bartee luboonni saba wajjin qabaniitti yeroo namni kam iyyuu aarsaa dhiʼeessutti utuma foon affeelamaa jiruu tajaajilaan lubichaa hokkoo quba sadii qabu tokko harkatti qabatee dhufee
1SA 2:14 beddee yookaan huuroo yookaan okkotee yookaan xuwwee keessa galcha ture; lubichis waanuma qabduun sun ol baase ofii isaatii fudhata ture. Israaʼeloota gara Shiiloo dhufan hundas haaluma kanaan keessumsiisu turan.
1SA 2:15 Garuu utuma coomni isaa hin gubamin dura tajaajilaan lubichaa dhufee nama aarsaa qalmaa dhiʼeessuun, “Waan lubichi foon dheedhii malee affeelamaa si harkaa hin fudhanneef waan isaaf waadamu naa kenni” jedha ture.
1SA 2:16 Yoo namichi sun, “Jalqaba coomni isaa haa gubamu; ergasii kan barbaadde fudhadhu” jedheenis, tajaajilaan sun deebisee, “Hin taʼuu ammuma naa kenni; yoo ati didde immoo ani humnaan nan fudhadha” isaan jedha ture.
1SA 2:17 Cubbuun dargaggootaa kun fuula Waaqayyoo duratti akka malee guddaa ture; isaan aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu ni tuffatu tureetii.
1SA 2:18 Saamuʼeel garuu dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee fuula Waaqayyoo dura ni tajaajila ture.
1SA 2:19 Haati isaa yommuu wagguma waggaan aarsaa waggaa dhiʼeessuuf dhirsa ishee wajjin ol baatutti wandaboo xinnoo ishee hojjettee ni geessitiif turte.
1SA 2:20 Eeliinis, “Dubartii kana irraa qooda ilma isheen Waaqayyoof kennite sanaa Waaqayyo ijoollee isheef haa kennuu” jedhee Elqaanaa fi niitii isaa eebbise. Isaanis deebiʼanii mana isaaniitti galan.
1SA 2:21 Waaqayyos Haannaa ni yaadate; isheenis ulfooftee ilmaan sadii fi intallan lama ni deesse. Saamuʼeel mucichis fuula Waaqayyoo duratti ni guddate.
1SA 2:22 Yeroo kanatti Eeliin akka malee dulloomee ture; innis waan ilmaan isaa saba Israaʼel hundatti hojjetan hunda akkasumas akka isaan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii irra tajaajilan wajjin ciisan dhagaʼe.
1SA 2:23 Kanaafuu inni akkana isaaniin jedhe; “Hammina isin gootan ani saba hundumaa irraa dhagaʼeera; isin maaliif waan akkasii gootu?
1SA 2:24 Lakkisaa yaa ilmaan koo; oduun saba Waaqayyoo keessa facaʼee ani dhagaʼu kun gaarii miti.
1SA 2:25 Namni tokko yoo nama biraatti cubbuu hojjete Waaqayyotu gidduu galaaf; garuu yoo namni tokko Waaqayyotti cubbuu hojjete eenyutu gidduu galaaf?” Taʼus sababii Waaqayyo isaan ajjeesuu barbaadeef ilmaan Eelii gorsa abbaa isaanii hin dhageenye.
1SA 2:26 Saamuʼeel mucichis guddachaa deemee fuula Waaqayyootii fi fuula namaa duratti surraa argate.
1SA 2:27 Namni Waaqaa tokko gara Eelii dhufee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Yeroo manni abbaa keetii biyya Gibxi keessa garbummaa Faraʼoon jala turetti ani isatti of mulʼifnee?
1SA 2:28 Akka inni luba koo taʼuuf, akka inni gara iddoo aarsaa kootti ol baʼuuf, akka inni ixaana aarsuu fi akka fuula koo duratti dirata uffatuuf, ani gosoota Israaʼel hunda keessa abbaa kee filadheera; akkasumas aarsaa Israaʼeloonni ibiddaan dhiʼeessan hunda maatii abbaa keetiitiif kenneera.
1SA 2:29 Egaa isin maaliif qalmaa fi aarsaa ani ajaje sana tuffatu? Ati maaliif aarsaa saba koo Israaʼeliin dhiʼeeffamu keessaa filatamaa isaa nyaatanii of gabbisuudhaan ana caalaatti ijoollee keetiif ulfina kennita?’
1SA 2:30 “Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Manni keetii fi manni abbaa keetii bara baraan fuula koo dura akka tajaajilaniif ani waadaa galee ture.’ Amma garuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Kun ana irraa haa fagaatu! Warra ulfina naa kennan nan ulfeessa; warri na tuffatan immoo ni tuffatamu.
1SA 2:31 Akka maatii kee keessatti jaarsi hin argamneef, yeroon ani itti jabina keetii fi jabina maatii abbaa keetii cabsu tokko ni dhufa;
1SA 2:32 iddoo jireenya koo keessattis rakkina argita. Israaʼeliif wanni gaariin yoo godhamu iyyuu, toora maatii keetii keessatti jaarsi hin argamu.
1SA 2:33 Namni ani iddoo aarsaa koo biraa hin balleessin hundi ija kee imimmaaniin jaamsuu fi garaa kee gaddisiisuuf hambifama; ijoolleen kee hundinuus umurii ijoollummaatti duʼu.
1SA 2:34 “ ‘Wanni ilmaan kee lamaan Hofniinii fi Fiinehaasitti dhufu siif mallattoo taʼa; isaan lachanuu guyyuma tokkotti dhumu.
1SA 2:35 Ani luba amanamaa kan akka waan garaa koo keessa jiruu fi akka waan yaada koo keessa jiruutti hojjetu tokko ofii kootiif nan kaafadha; ani isaaf mana bara baraa nan ijaara; innis fuula dibamaa kootii dura bara baraan tajaajila.
1SA 2:36 Namni sanyii kee keessaa hafe hundis, “Akka ani muraa buddeena tokkoo illee nyaadhuuf hojii lubummaa keessaa tokko irratti na ramadi” jedhe dhufee meetii tokkoo fi buddeena tokkoof fuula isaa duratti kufee sagadaaf.’ ”
1SA 3:1 Saamuʼeel mucichi fuula Eelii duratti Waaqayyoon tajaajilaa ture. Bara sana keessa dubbiin Waaqayyoo yeroo tokko tokko malee hin dhufu ture; mulʼanni baayʼeenis hin jiru ture.
1SA 3:2 Eeliin inni iji isaa arguu dadhabe sun halkan tokko idduma isaa kan durii rafaa ture.
1SA 3:3 Saamuʼeelis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa iddoo taabonni Waaqaa ture sana ture; ibsaan Waaqaa amma illee hin dhaamne ture.
1SA 3:4 Waaqayyos Saamuʼeelin ni waame. Saamuʼeelis, “Ani asin jira” jedhee deebise.
1SA 3:5 Fiigees gara Eelii dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedheen. Eeliin garuu, “Ani si hin waamne; deebiʼii ciisi” jedheen; innis deebiʼee ciise.
1SA 3:6 Ammas Waaqayyo, “Saamuʼeel!” jedhee waame; Saamuʼeelis kaʼee Eelii bira dhaqee, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eeliinis, “Yaa ilma koo ani si hin waamne; dhaqii ciisi” jedheen.
1SA 3:7 Yeroo sana Saamuʼeel Waaqayyoon hin beeku ture; dubbiin Waaqayyos isaaf hin ibsamne ture.
1SA 3:8 Waaqayyo yeroo sadaffaadhaaf Saamuʼeelin ni waame; Saamuʼeelis kaʼee gara Eelii dhaqe, “Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera” jedhe. Eliin yeroo kana akka Waaqayyo mucicha waamaa ture hubate.
1SA 3:9 Kanaafuu Eeliin Saamuʼeeliin, “Dhaqii ciisi; yoo inni si waame, ‘Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii yaa Waaqayyo dubbadhu’ jedhi” jedheen. Kanaafuu Saamuʼeel dhaqee iddoo ofii isaa ciise.
1SA 3:10 Waaqayyos dhufee achi dhaabatee akkuma duraan waametti, “Saamuʼeel! Saamuʼeel!” jedhee waame. Saamuʼeelis, “Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii dubbadhu” jedhe.
1SA 3:11 Waaqayyos Saamuʼeeliin akkana jedhe: “Kunoo ani waan gurra namaatti hin tolle tokko Israaʼelitti fiduufin jira.
1SA 3:12 Gaafas ani waanan maatii Eelii irratti dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti Eeliitti nan fida.
1SA 3:13 Sababii waaʼee cubbuu inni iyyuu beeku tokkootiif ani maatii isaa akkan adabu isatti himeeraatii. Ilmaan isaa waan jibbisiisaa hojjetan; inni garuu isaan hin dhowwine.
1SA 3:14 Kanaaf ani, ‘Cubbuun mana Eelii aarsaadhaan yookaan qalmaan hin haqamu’ jedhee kakadheera.”
1SA 3:15 Saamuʼeel hamma bariʼutti ni rafe; ergasii balbala mana Waaqayyoo bane. Innis mulʼata sana Eeliitti himuu sodaatee ture.
1SA 3:16 Eeliin garuu ofitti isa waamee, “Saamuʼeel, yaa ilma koo” jedhe. Saamuʼeelis deebisee, “Ani asin jira” jedheen.
1SA 3:17 Eeliinis, “Inni maal jedhee sitti dubbate? Na hin dhoksin; yoo ati waan inni sitti hime tokko illee na dhoksite Waaqni waan hamaa sitti haa fidu; sittis haa cimsu” isaan jedhe.
1SA 3:18 Kanaaf Saamuʼeel waan tokko illee utuu hin dhoksin waan hundumaa isatti hime. Eeliinis, “Inni Waaqayyoo dha; waan isatti tole haa godhu” jedhe.
1SA 3:19 Saamuʼeel guddachaa deeme; Waaqayyos isa wajjin ture; dubbii isaa keessaas tokko iyyuu lafa hin buʼu ture.
1SA 3:20 Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi akka Saamuʼeel raajii Waaqayyoo taʼee fudhatame beekan.
1SA 3:21 Waaqayyo ammas Shiilootti mulʼate; inni karaa dubbii isaatiin Saamuʼeelitti of mulʼiseeraatii.
1SA 4:1 Dubbiin Saamuʼeel Israaʼel hunda bira gaʼe. Israaʼeloonni Filisxeemota waraanuudhaaf baʼan. Israaʼeloonnis Ebeenezer bira, Filisxeemonni immoo Afeeq keessa qubatan.
1SA 4:2 Filisxeemonni Israaʼeloota waraanuudhaaf loltoota isaanii hiriirsan; akkuma waraanni hoʼeenis Israaʼeloonni Filisxeemotaan moʼatamanii namoonni kumni afur dirree waraanaa irratti ajjeefaman.
1SA 4:3 Yommuu loltoonni Israaʼel qubatatti deebiʼanitti maanguddoonni Israaʼel, “Harʼa Waaqayyo maaliif fuula Filisxeemotaa duratti akka nu moʼatamnu godhe? Akka inni nu wajjin deemee harka diinota keenyaa jalaa nu baasuuf taabota kakuu Waaqayyoo Shiiloodhaa haa fidnu” jedhan.
1SA 4:4 Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu isa kiirubeel gidduu taaʼu sanaa fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaasis taabota kakuu Waaqaa wajjin achi turan.
1SA 4:5 Yommuu taabonni kakuu Waaqayyoo gara qubataatti galetti Israaʼeloonni hundinuu iyya gammachuu guddaa isaa iyyanii lafa sochoosan.
1SA 4:6 Filisxeemonnis yommuu iyya guddaa sana dhagaʼanitti, “Iyyi guddaan qubata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali?” jedhanii gaafatan. Yommuu akka taabonni kakuu Waaqayyoo achi gale hubatanittis,
1SA 4:7 Filisxeemonni sodaatanii akkana jedhan; “Waaqni tokko gara qubata Ibrootaa dhufeera; nuuf wayyoo! Wanni akkasii taʼee hin beeku.
1SA 4:8 Nuuf wayyoo! Eenyutu waaqota jajjaboo kanneen harkaa nu baasa? Isaan waaqota gammoojjii keessatti dhaʼicha garaa garaatiin warra Gibxi dhaʼanii dha.
1SA 4:9 Yaa Filisxeemotaa jabaadhaa! Dhiirummaa keessanis argisiisaa. Yoo kanaa achii akkuma isin jara garboomfattan sana Ibroonni garba isin godhatu. Dhiirummaa keessan argisiisaatii lolaa!”
1SA 4:10 Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde.
1SA 4:11 Taabonni Waaqaa ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan.
1SA 4:12 Gaafuma sana namichi Beniyaam tokko wayyaa isaa tarsaasee, mataa isaatti daaraa firfirsee fiigaa gara Shiiloo dhaqe.
1SA 4:13 Eeliinis yeroo namichi achi gaʼetti sababii waaʼee taabota Waaqaatiif garaan isaa raafameef waa dhagaʼuuf jedhee karaa cina barcuma irra taaʼee eegaa ture. Yeroo namichi sun magaalaa seenee waan taʼe hundumaa odeessetti warri magaalaa sanaa hundi ni iyyan.
1SA 4:14 Eeliinis yommuu iyya sana dhagaʼetti, “Kun iyya maaliitii?” jedhee gaafate. Namichi sunis dafee dhufee Eeliitti hime;
1SA 4:15 yeroo kana Eeliin nama waggaa sagaltamii saddeet waan tureef iji isaa arguu dadhabee ture.
1SA 4:16 Namichis, “Ani ammuma adda waraanaatii dhufuu koo ti; waraana keessaa miliqee baʼuun koos harʼuma” jedhee Eeliitti hime. Eeliinis, “Yaa ilma ko, maaltu taʼe ree?” jedhee gaafate.
1SA 4:17 Namichi oduu fide sun deebisee, “Israaʼeloonni Filisxeemota duraa baqatan; loltoota irras dhumiisa guddaatu gaʼe; ilmaan kee lamaanis Hofniinii fi Fiinehaas ajjeefamaniiru; taabonni Waaqaas boojiʼameera” jedheen.
1SA 4:18 Yommuu inni waaʼee taabota Waaqaa dubbatettis, Eeliin barcuma isaa kan balbala cina ture sana irraa dugda duubatti kufe. Nama dulloomaa dhagni isaa ulfaatu waan tureefis mormi isaa cabee duʼe. Innis waggaa afurtamaaf bulchaa Israaʼel ture.
1SA 4:19 Niitiin ilma isaa Fiinehaas ulfa daʼa geesse turte. Isheenis yommuu akka taabonni Waaqaa boojiʼamee fi akka abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼan dhageessetti ciniinsuun itti hammaatee jilbeenfattee deesse.
1SA 4:20 Yeroo isheen duʼuu geessettis dubartoonni ishee gargaaraa turan, “Dhiira deesseertaa jabaadhu” jedhaniin. Isheen garuu homaa hin deebifne yookaan yaadatti hin qabanne.
1SA 4:21 Sababii taabonni Waaqaa boojiʼamee fi sababii abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼaniif, “Ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jechuudhaan maqaa mucaa ishee Iikaabood jettee moggaafte.
1SA 4:22 Isheenis, “Taabonni Waaqaa waan boojiʼameef ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jette.
1SA 5:1 Filisxeemonni erga taabota Waaqaa boojiʼanii booddee Ebeenezerii fuudhanii Ashdooditti geessan.
1SA 5:2 Ergasiis taabota sana gara galma Daagonitti geessanii Daagon bira kaaʼan.
1SA 5:3 Namoonni Ashdood yommuu guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti Daagon taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee argan! Isaanis lafaa kaasanii iddoo isaatti isa deebisan.
1SA 5:4 Garuu yommuu isaan guyyaa itti aanu ganama kaʼanitti Daagon taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee ture! Mataa fi harki isaas irraa caccabee gulantaa balbalaa irra bubbuʼee ture; dhagna isaa qofatu hafe.
1SA 5:5 Wanni luboonni Daagon yookaan namni galma Daagon kan Ashdood jiru sana ol seenu kam iyyuu hamma harʼaatti gulantaa balbalaa irra hin ejjenneef kanuma.
1SA 5:6 Harki Waaqayyoo saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe.
1SA 5:7 Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, “Sababii harki isaa nuu fi Waaqa keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Waaqa Israaʼel as turuu hin qabu” jedhan.
1SA 5:8 Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel maal gochuu qabna?” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis, “Taabota Waaqa Israaʼel gara Gaati geessaa!” jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Waaqa Israaʼel achii baasan.
1SA 5:9 Erga taabota sana achii baasanii booddee harki Waaqayyoo magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe.
1SA 5:10 Kanaafuu taabota Waaqaa gara Eqroonitti ergan. Akkuma taabonni Waaqaa Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, “Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Waaqaa nutti fiddan” jedhanii iyyan.
1SA 5:11 Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, “Taabota Waaqa Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa” jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Waaqaas akka malee itti jabaatee ture.
1SA 5:12 Warri hin duʼinis waan dhiitoon isaanitti yaaʼeef iyyi isaanii samiitti ol baʼe.
1SA 6:1 Taabonni Waaqayyoos Filisxeem keessa jiʼa torba ture.
1SA 6:2 Filisxeemonnis lubootaa fi ilaaltota waamanii, “Taabota Waaqayyoo maal haa goonu? Iddoo isaatti haala akkamiitiin akka deebifnu nutti himaa” jedhaniin.
1SA 6:3 Isaanis deebisanii, “Yoo taabota Waaqa Israaʼel deebiftan, kennaa yakkaa wajjin malee duwwaa isaa hin deebisinaa; ergasii isin ni fayyitu; harki isaas maaliif akka isin irraa hin kaafamin ni beektu” jedhaniin.
1SA 6:4 Filisxeemonnis, “Kennaan yakkaa kan nu erginuuf maal taʼuu qaba?” jedhanii gaafatan. Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Sababii dhaʼichi isinii fi bulchitoota keessan rukute tokkuma taʼeef akkuma baayʼina bulchitoota Filisxeemotaatti dhiitoo warqee shananii fi hantuuta warqee shan ergaa.
1SA 6:5 Fakkii dhiitoo fi fakkii hantuutaa kanneen biyya balleessaa jiranii hojjedhaa; Waaqa Israaʼeliif immoo ulfina kennaa. Yoos inni harka isaa isin irraa, waaqota keessanii fi biyya keessan irraa ni kaasa taʼa.
1SA 6:6 Isin maaliif akka namoota Gibxiitii fi akka Faraʼoon mataa jabeeyyii taatu? Yeroo Waaqayyo adaba cimaadhaan isaan adabetti, isaan akka Israaʼeloonni gara barbaadan deemaniif hin eeyyamneefii?
1SA 6:7 “Kanaafuu gaarii haaraa fi saawwan hoosisan kan waanjoon takkumaa irra hin kaaʼamin lama qopheessaa. Saawwan sanas gaarii sanatti camadaa; jabboota isaanii garuu gara manaatti biraa deebisaatii itti cufaa.
1SA 6:8 Taabota Waaqayyoo sanas fuudhaatii gaarii irra kaaʼaa; miʼa warqee aarsaa yakkaatiif ergitan sanas sanduuqa taabota Waaqayyoo bira jiru keessa kaaʼaa. Akka inni karaa barbaade deemuufis gad dhiisaa;
1SA 6:9 garuu ija isa irraa hin buqqifatinaa. Yoo inni gara biyya isaa gara Beet Shemeshitti qajeele rakkina guddaa kana Waaqayyotu nutti fide. Yoo gara sanatti qajeeluu baate garuu dhaʼichi kun akkuma tasaa nutti dhufe malee Waaqayyo nutti hin fidne.”
1SA 6:10 Isaanis akkasuma godhan. Saawwan lamaan fuudhanii gaariitti camadan; jabboota isaanii manatti deebisanii itti cufan.
1SA 6:11 Isaanis taabota Waaqayyoo sana gaariitti feʼan. Sanduuqa hantuuta warqeetii fi fakkii iitoo baatu sanas isa wajjin feʼan.
1SA 6:12 Saawwan sunis karaa qabatanii utuu bitaa mirgatti hin gorin marʼachaa gara Beet Shemeshitti qajeelan. Bulchitoonni Filisxeemotaas hamma daarii Beet Shemeshitti isaan faana buʼan.
1SA 6:13 Yeroo sanattis namoonni Beet Shemeshi sulula keessaa qamadii haamaa turan; isaanis yommuu ol jedhanii taabota sana arganitti akka malee gammadan.
1SA 6:14 Gaariin sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu nama Beet Shemeshi bira gaʼee kattaa guddaa tokko cina dhaabate. Namoonnis muka gaarii sanaa falaxanii saawwan sana aarsaa gubamu godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
1SA 6:15 Warri Lewwotaas taabota Waaqayyoo sanduuqicha miʼa warqee baatu sana wajjin gad buusanii kattaa guddaa irra kaaʼan; gaafuma sanas namoonni Beet Shemeshi aarsaa gubamuu fi qalma Waaqayyoof dhiʼeessan.
1SA 6:16 Bulchitoonni Filisxeemotaa shanan erga waan kana hunda arganii booddee gaafuma sana Eqroonitti deebiʼan.
1SA 6:17 Iiti warqee kan Filisxeemonni aarsaa yakkaa godhanii Waaqayyoof ergan kanaa dha; isaanis tokko Ashdoodiif, tokko Gaazaaf, tokko Eqrooniif, tokko Gaatiif, tokko immoo Ashqalooniif ergan.
1SA 6:18 Baayʼinni hantuutota warqees akkuma baayʼina magaalaawwan Filisxeemotaa kanneen bulchitoota shananiif kennamaniitti ture. Magaalaawwan dallaa jajjaboo qaban kunneenis gandoota of jalaa qabu ture. Kattaan guddichi isaan taabota Waaqayyoo isa irra kaaʼan sunis lafa qotiisaa Iyyaasuu namicha Beet Shemeshi keessatti hamma harʼaatti dhugaa baatuu dha.
1SA 6:19 Waaqnis sababii isaan taabota Waaqayyoo keessa ilaalaniif namoota Beet Shemeshi dhaʼee isaan keessaa nama torbaatama ajjeese. Sababii Waaqayyo akka malee isaan dhaʼeef namoonni sun ni booʼan;
1SA 6:20 namoonni Beet Shemeshis, “Eenyutu fuula Waaqayyoo, fuula Waaqa qulqulluu kanaa dura dhaabachuu dandaʼa? Taabonni kun asii baʼee eenyu bira haa dhaqu?” jedhanii gaafatan.
1SA 6:21 Ergasii gara Kiriyaati Yeʼaariimitti ergamoota erganii, “Filisxeemonni taabota Waaqayyoo deebisaniiru; gad kottaatii taabota sana gara keessanitti fudhadhaa” jedhaniin.
1SA 7:1 Kanaafuu namoonni Kiriyaati Yeʼaariim dhufanii taabota Waaqayyoo fudhatanii ol baʼan. Isaanis gara mana Abiinaadaab kan gaara irra jiruutti geessan; akka inni taabota Waaqayyoo eeguufis ilma isaa Eleʼaazaarin qulqulleessan.
1SA 7:2 Taabonni sun erga gara Kiriyaati Yeʼaariim geeffamee yeroo dheeraa dha; walumaa galatti waggaa digdama taaʼe. Sabni Israaʼel hundinuus booʼichaan Waaqayyotti deebiʼe.
1SA 7:3 Saamuʼeelis guutummaa mana Israaʼeliin akkana jedhe; “Yoo isin garaa keessan guutuudhaan Waaqayyotti deebitanii, waaqota ormaatii fi Ashtooretin waaqeffachuu dhiisuudhaan Waaqayyotti of kennitanii isa qofaaf tajaajiltan, inni harka Filisxeemotaa jalaa isin ni baasa.”
1SA 7:4 Kanaaf Israaʼeloonni Baʼaalii fi Ashtooretin calaasanii Waaqayyoon qofa tajaajilan.
1SA 7:5 Kana irrattis Saamuʼeel, “Isin Israaʼeloota hundumaa Miisphaatti walitti qabaa; anis Waaqayyoon isiniif nan kadhadhaa” jedhe.
1SA 7:6 Isaanis yommuu Miisphaatti walitti qabamanitti bishaan waraabanii fuula Waaqayyoo duratti dhangalaasan. Gaafas soomanii, “Nu Waaqayyotti cubbuu hojjenneerra” jedhan. Saamuʼeelis Miisphaatti saba Israaʼel irratti murtii kenna ture.
1SA 7:7 Yommuu Filisxeemonni akka Israaʼel Miisphaatti walitti qabame dhagaʼanitti bulchitoonni Filisxeem isaan waraanuudhaaf ol baʼan. Ijoolleen Israaʼelis yommuu waan kana dhagaʼanitti Filisxeemota ni sodaatan.
1SA 7:8 Isaanis Saamuʼeeliin, “Akka inni harka Filisxeemotaa jalaa nu baasuuf gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti nuu iyyuu hin dhiisin” jedhan.
1SA 7:9 Saamuʼeelis ilmoo hoolaa kan hodhu tokko fuudhee jiraa isaa aarsaa gubamu godhee Waaqayyoof dhiʼeesse. Qooda Israaʼelis gara Waaqayyootti iyye; Waaqayyos deebii kenneef.
1SA 7:10 Utuu Saamuʼeel aarsaa gubamu dhiʼeessaa jiruu Filisxeemonni Israaʼelin loluuf dhiʼaatan. Gaafas garuu Waaqayyo sagalee qaqawwee guddaa isaa isaan irratti qaqawweessaʼee waan isaan joonjesseef Filisxeemonni fuula Israaʼelootaa duratti ni moʼataman.
1SA 7:11 Israaʼeloonnis Miisphaadhaa baʼanii Filisxeemota karaa irratti gorraʼaa hamma Beet Kaari jalaatti isaan ariʼan.
1SA 7:12 Ergasii Saamuʼeel dhagaa tokko fuudhee Miisphaa fi Sheen gidduu dhaabe. Maqaa isaas, “Waaqayyo hamma harʼaatti nu gargaareera” jedhee, “Ebeenezer” jedhee moggaase.
1SA 7:13 Kanaafuu Filisxeemonni waan moʼatamaniif lammata deebiʼanii biyya Israaʼelootaa hin weerarre. Bara jireenya Saamuʼeel guutuu harki Waaqayyoo Filisxeemota irratti ni jabaate.
1SA 7:14 Magaalaawwan Filisxeemonni Israaʼel irraa fudhatanii turan kanneen Eqroonii jalqabanii hamma Gaatitti jiran hundinuu Israaʼelootaaf ni deebiʼan. Israaʼelis daangaa ishee Filisxeemota harkaa baafate. Israaʼelii fi Amoorota gidduuttis nageenyi buʼee ture.
1SA 7:15 Saamuʼeelis bara jireenya isaa guutuu abbaa murtii saba Israaʼel ture.
1SA 7:16 Innis wagguma waggaan Beetʼeel, Gilgaalii fi Miisphaa keessa naannaʼee iddoo hundatti abbaa murtii saba Israaʼel ture.
1SA 7:17 Ergasiis gara Raamaa iddoo jireenya isaatti deebiʼee achittis saba Israaʼel irratti murtii kenna ture. Achittis Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaare.
1SA 8:1 Saamuʼeel yeroo dulloometti ilmaan isaa abbootii murtii godhee Israaʼeliif muude.
1SA 8:2 Maqaan ilma isaa hangaftichaa Yooʼeel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa jedhama; isaanis Bersheebaa keessatti abbootii murtii turan.
1SA 8:3 Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan.
1SA 8:4 Kanaafuu maanguddoonni Israaʼel wal gaʼanii Saamuʼeel bira gara Raamaa dhufan;
1SA 8:5 isaanis, “Ati dulloomteerta; ilmaan kee immoo fakkeenya kee duukaa hin buune; akkuma saboonni kaan hundi mootii qaban sana mootii nu bulchu nuu muudi” jedhaniin.
1SA 8:6 Garuu, “Mootii nu bulchu nuuf muudi” jechuun isaanii waan Saamuʼeelin hin gammachiisiniif inni Waaqayyoon kadhate.
1SA 8:7 Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Waan sabni sun siin jedhu hunda dhagaʼi; isaan akka ani mootii isaanii hin taaneef na tuffatan malee si hin tuffanne.
1SA 8:8 Isaan waanuma gaafa ani Gibxii isaan baasee jalqabee hamma harʼaatti na dhiisanii waaqota gara biraa tajaajiluudhaan natti hojjetan sana sittis hojjechaa jiru.
1SA 8:9 Egaa amma waan isaan jedhan dhagaʼi; garuu sirriitti isaan akeekkachiisiitii haala mootii isaan irratti mooʼu sanaa isaanitti himi.”
1SA 8:10 Saamuʼeelis dubbii Waaqayyoo hunda namoota akka mootiin isaaniif moosifamuuf gaafatan sanatti hime.
1SA 8:11 Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni mootiin isin irratti mooʼu sun godhu kana: Inni ilmaan keessan fudhatee akka isaan gaariiwwan isaa irra tajaajilan godha; abbootii fardaas isaan godhata; isaanis gaariiwwan isaa dura fiigu.
1SA 8:12 Gariin isaanii ajajjuuwwan kumaa, gariin isaanii immoo ajajjuuwwan shantamaa, kaan immoo akka isaan lafa isaa qotanii midhaan isaa walitti qaban godha; warra hafanis akka isaan miʼa lolaatii fi miʼa gaariiwwan isaa hojjetan godha.
1SA 8:13 Intallan keessan fudhatee qopheessitoota dibata urgaaʼaa, qopheessitoota ittoo fi tolchitoota buddeenaa godhata.
1SA 8:14 Lafa qotiisaa keessan isa filatamaa, iddoo dhaabaa wayiniitii fi iddoo itti ejersa cuunfan isin irraa fudhatee hojjettoota isaatiif kenna.
1SA 8:15 Midhaanii fi ija wayinii keessanii harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltota isaatii fi hojjettoota isaatiif kenna.
1SA 8:16 Garboota dhiiraatii fi garboota dubartii, horii gagaarii fi harroota keessan fudhatee hojii ofii irratti bobbaafata.
1SA 8:17 Bushaayee keessan keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni fudhata; isin mataan keessanuu garboota isaa taatu.
1SA 8:18 Gaafas isin mootii keessan isa ofii keessaniif filattan sana jalaa furamuuf ni iyyitu; garuu guyyaa sana Waaqayyo deebii isinii hin kennu.”
1SA 8:19 Namoonni sun garuu Saamuʼeelin dhagaʼuu didanii akkana jedhan; “Hin taʼu! Nu mootii nu bulchu feena.
1SA 8:20 Ergasiis akkuma saboota kaanii taana; mootiin keenyas nu hooggana; nu dura baʼees lola keenya nuu lola.”
1SA 8:21 Saamuʼeel yeroo waan namoonni sun jedhan hunda dhagaʼetti fuula Waaqayyoo duratti waanuma sana deebisee dubbate.
1SA 8:22 Waaqayyos Saamuʼeeliin, “Waan isaan jedhan dhagaʼiitii mootii moosisiif” jedhe. Saamuʼeelis namoota Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan magaalaa keessanitti deebiʼaa” jedhe.
1SA 9:1 Gosa Beniyaam keessaa namicha jabaa maqaan isaa Qiish jedhamu tokkotu ture; innis ilma Abiiʼeel, ilma Xiroor, ilma Bekooraat, ilma namicha gosa Beniyaam sanaa ilma Afiiyaa ture.
1SA 9:2 Innis dargaggeessa miidhagaa Saaʼol jedhamu tokko qaba ture; namoota Israaʼel keessaa namni isa caalaa miidhagu tokko iyyuu hin turre; inni gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture.
1SA 9:3 Yeroo sanas Qiish abbaa Saaʼol jalaa harroonni badnaan, Qiish ilma isaa Saaʼoliin, “Tajaajiltoota keessaa nama tokko fudhadhuutii dhaqii harroota sana barbaadi” jedhe.
1SA 9:4 Kanaafuu inni biyya gaaraa Efreemii fi naannoo Shaaliishaa jedhamu keessa naannaʼe; garuu harroota hin arganne. Isaanis biyya Shaʼaliim keessa darban; taʼus harroonni sun achi hin turre. Ergasiis biyya Beniyaamotaa keessa naannaʼan; garuu harroota sana hin arganne.
1SA 9:5 Yommuu biyya Zuufi gaʼanittis Saaʼol tajaajilaa isa wajjin ture sanaan, “Sababii abbaan koo yoona waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee keenya yaaddaʼuuf kottu ni deebinaa!” jedhe.
1SA 9:6 Tajaajilaan sun garuu deebisee, “Kunoo! Magaalaa kana keessa namni Waaqaa tokko jira; innis guddaa kabajamaa dha; wanni inni jedhu tokko iyyuus lafa hin buʼu. Inni karaa deemuu qabnu nutti hima taʼaatii kottu isa bira dhaqnaa” jedhe.
1SA 9:7 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Nu yoo dhaqne namichaaf maal kennina? Nyaanni korojoo keenya keessaa dhumeera. Kennaa nama Waaqaatiif geessinu tokko illee hin qabnu. Egaa maal qabna ree?” jedhe.
1SA 9:8 Tajaajilaan sun ammas deebisee, “Kunoo ani meetii saqilii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko qaba. Akka inni karaa deemuu qabnu nutti himuuf waan kana nama Waaqaatiif nan kenna” jedheen.
1SA 9:9 Bara durii Israaʼel keessatti namni Waaqa kadhachuu dhaqu tokko, “Kottaa gara nama mulʼata arguu dhaqnaa” jedha ture; sababiin isaa namni harʼa raajii jedhamu bara durii nama mulʼata argu jedhama tureetii.
1SA 9:10 Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Gaarii dha; kottu ni deemnaa” jedhe. Kanaafuu kaʼanii gara magaalaa namni Waaqaa sun turee dhaqan.
1SA 9:11 Utuu isaan gara magaalaatti gaara ol baʼaa jiranuu dubarran bishaan waraabuuf deeman arganii, “Namichi mulʼata argu sun as jiraa?” jedhanii gaafatan.
1SA 9:12 Isaanis deebisanii akkana jedhan; “Eeyyee ni jira; inni fuula keessan dura jira. Namoonni waan gaara sagadaa irratti aarsaa dhiʼeessaniif inni amma gara magaalaa keenyaa dhufeeraatii dafaa.
1SA 9:13 Akkuma magaalaa seentaniin utuu inni nyaataaf gaaratti ol hin baʼin isa ni argattu. Inni waan qalma sana eebbisuu qabuuf utuu inni hin dhufin namoonni nyaachuu hin jalqaban; sana booddee warri waamaman ni nyaatu. Ammuma ol baʼaa; daftanii isa ni argattu.”
1SA 9:14 Isaanis gara magaalaatti ol baʼan; utuma isaan magaalaa sana seenaa jiranuus Saamuʼeel gaara sagadaatti ol baʼuuf jedhee karaatti isaanitti dhufe.
1SA 9:15 Utuu Saaʼol hin dhufin guyyaa tokko dura Waaqayyo waan kana Saamuʼeelitti mulʼisee ture:
1SA 9:16 “Bori yeroo kanatti biyya Beniyaam irraa nama tokko sitti nan erga. Saba koo Israaʼel irratti bulchaa godhiitii isa dibi; innis saba koo harka Filisxeemotaa jalaa ni baasa. Sababii iyyi isaa na bira gaʼeef, ani saba koo ilaaleeraatii.”
1SA 9:17 Saamuʼeel yommuu Saaʼolin argetti, Waaqayyo, “Namichi ani waaʼee isaa sitti dubbadhe sun isa kana; inni saba koo ni bulcha” jedheen.
1SA 9:18 Saaʼol karaa irratti Saamuʼeelitti dhiʼaatee, “Maaloo manni namicha mulʼata argu sanaa eessa akka taʼe natti himtaa?” jedhee gaafate.
1SA 9:19 Saamuʼeelis akkana jedhee deebise; “Namichi mulʼata argu sun anuma. Isin harʼa waan na wajjin nyaata nyaachuu qabdaniif na dura gaara sagadaatti ol baʼaa. Ani immoo bori ganama sin geggeessa; waan garaa kee jiru hundas sitti nan hima.
1SA 9:20 Waaʼee harroota guyyaa sadiin dura badan sanaa hin yaaddaʼin; isaan argamaniiru. Hawwiin Israaʼel hundi eenyuufii? Siʼii fi mana abbaa keetiitiif mitii?”
1SA 9:21 Saaʼolis deebisee, “Ani nama gosa Beniyaam kan gosoota Israaʼel hunda keessaa gad aanaa taʼe sana mitii? Maatiin koo immoo maatiiwwan gosa Beniyaam hunda keessaa gad aana mitii? Yoos ati maaliif waan akkanaa natti dubbatta ree?” jedhe.
1SA 9:22 Saamuʼeelis Saaʼolii fi tajaajilaa Saaʼol galmatti ol galchee warra nyaataaf waamaman kanneen soddoma taʼaniin gara olii isaan teessise.
1SA 9:23 Saamuʼeel namicha nyaata qopheessuun, “Gumaa foonii isa ani kophaa kaaʼi siin jedhe sana fidi” jedhe.
1SA 9:24 Namichi nyaata qopheessu sunis foon lukaa guutummaatti fuudhee fuula Saaʼol dura kaaʼe. Saamuʼeelis, “Kun waan siif kaaʼamee dha. Kunis yeroo ani, ‘Ani keessummoota waameera’ jedhee jalqabee yeroo murtaaʼaa kanaaf kophaatti siif kaaʼameeraatii nyaadhu” jedheen. Saaʼolis gaafa sana Saamuʼeel wajjin nyaate.
1SA 9:25 Erga gaara sagadaa irraa gara magaalaatti gad buʼanii booddee Saamuʼeel bantii mana isaa irratti Saaʼol wajjin haasaʼe.
1SA 9:26 Isaanis ganama barii kaʼan; Saamuʼeelis bantii manaa irraa Saaʼolin waamee, “Qophaaʼi ani sin geggeessa” jedheen. Yeroo Saaʼol qophaaʼettis innii fi Saamuʼeel walii wajjin gad baʼan.
1SA 9:27 Utuu gara daarii magaalaatti gad buʼaa jiranuus Saamuʼeel Saaʼoliin, “Akka tajaajilaan kee nu dursee deemuuf itti himi” jedhe. Tajaajilaan sunis akkuma itti himame godhe; ergasii Saamuʼeel, “Akka ani ergaa Waaqaa sitti himuuf ati xinnoo as turi” jedhe.
1SA 10:1 Ergasii Saamuʼeel zayitii bilillee tokko fuudhee mataa Saaʼol irratti dhangalaasee isa dhungatee akkana jedhe; “Akka ati dhaala isaa irratti mootuuf Waaqayyo si hin dibnee?
1SA 10:2 Harʼa ati yeroo na biraa deemtutti biyya Beniyaam keessatti awwaala Raahel biratti iddoo Zelzaa jedhamutti namoota lama ni argita. Isaanis, ‘Harroonni ati barbaadaa turte sun argamaniiru. Amma abbaan kee waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee kee, “Waaʼee ilma koo ani maal godhu laata?” jedhee yaaddaʼaa jira’ siin jedhu.
1SA 10:3 “Ergasiis achii kaatee hamma qilxuu Taaboor guddichaatti ni deemta. Achittis namoonni sadii kanneen gara Waaqaa, gara Beetʼeelitti ol baʼaa jiran, inni tokko ilmoolee reʼee sadii, tokko immoo daabboo sadii, inni kaanis daadhii wayinii qalqalloo tokko baatanii sitti dhufu.
1SA 10:4 Isaanis nagaa si gaafatanii daabboo lama siif kennu; atis isaan harkaa ni fudhatta.
1SA 10:5 “Sana booddees iddoo hoomaan waraana Filisxeem jiru gara Gibeʼaa gara tulluu Waaqaa ni dhaqxa. Atis akkuma magaalaatti dhiʼaatteen gareen raajotaa tokko masiinqoo, dibbee, ulullee fi baganaa qabatee gaara gubbaadhaa gad sitti dhufa; isaanis raajii ni dubbatu.
1SA 10:6 Hafuurri Waaqayyoo humnaan sirra ni buʼa; atis isaan wajjin raajii dubbatta; geeddaramtees nama biraa taata.
1SA 10:7 Yeroo mallattoowwan kunneen fiixaan baʼanitti waan harka keetti dhufe hunda hojjedhu; Waaqni si wajjin jiraatii.
1SA 10:8 “Ati na dura gara Gilgaalitti gad buʼi. Anis aarsaa gubamuu fi qalma nagaa dhiʼeessuuf gara kee nan dhufa; ati garuu hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba turuu qabda.”
1SA 10:9 Yeroo Saaʼol Saamuʼeelin dhiisee deemuuf fuula isaa garagalfatetti, Waaqni Saaʼoliif qalbii haaraa kenne. Mallattoowwan kunneen hundinuus gaafas raawwataman.
1SA 10:10 Yeroo isaan Gibeʼaa gaʼanittis gareen raajotaa tokko isatti dhufe; Hafuurri Waaqaas isa irra buʼe; innis isaan wajjin raajii dubbate.
1SA 10:11 Warri duraan isa beekan hundi yeroo raajota wajjin raajii dubbachuu isaa arganitti, “Ilma Qiishiitti maaltu dhufe? Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhanii wal gagaafatan.
1SA 10:12 Namichi achi jiraatu tokkos, “Abbaan isaanii eenyu?” jedhee gaafate. Kanaafuu jechi, “Saaʼolis garee raajotaa keessaa tokkoo?” jedhu sun mammaaksa taʼe.
1SA 10:13 Saaʼolis erga raajii dubbachuu raawwatee booddee gaara sagadaatti ol baʼe.
1SA 10:14 Obboleessi abbaa Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, “Isin eessa dhaqxan?” jedhee gaafate. Saaʼolis, “Harroota barbaacha deemne; garuu yommuu deebinetti Saamuʼeel bira dhaqne” jedhee deebise.
1SA 10:15 Obboleessi abbaa Saaʼol immoo, “Waan Saamuʼeel siin jedhe natti himi” jedhe.
1SA 10:16 Saaʼolis deebisee, “Inni akka harroonni argaman nutti himeera” jedhe; garuu waan akka inni mootii taʼu Saamuʼeel itti hime sana obboleessa abbaa isaatti hin himne.
1SA 10:17 Saamuʼeelis namoota Israaʼel gara Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti walitti waamee
1SA 10:18 akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼelin biyya Gibxiitii baaseera; harka warra Gibxii fi harka mootummoota isaan cunqursaa turan hundaa jalaas isin fureera.’
1SA 10:19 Isin garuu amma Waaqa keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hunda jalaa isin baase sana dhiiftaniirtu. Isin, ‘waawuu; mootii nu bulchu nuu muudi’ jettaniirtu. Kanaafuu gosa gosaa fi balbala balbala keessaniin fuula Waaqayyoo duratti of dhiʼeessaa.”
1SA 10:20 Yommuu Saamuʼeel gosoota Israaʼel hunda fidettis gosti Beniyaam ni filatame.
1SA 10:21 Ergasiis inni gosa Beniyaam balbala balbalaan fuula duratti dhiʼeessee balballi Maxriit filatame. Dhuma irrattis Saaʼol ilmi Qiish ni filatame. Inni garuu yommuu isa barbaadanitti hin argamne.
1SA 10:22 Kanaaf namoonni, “Namichi dhufee jiraa?” jedhanii ammas Waaqayyoon gaafatan. Waaqayyos, “Eeyyee; garuu inni miʼa keessa dhokatee jira” jedhe.
1SA 10:23 Isaanis fiiganii achii isa fidan. Innis yeroo dhufee isaan gidduu dhaabatetti gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture.
1SA 10:24 Saamuʼeelis saba sana hundaan, “Namicha Waaqayyo isa filate argituu? Saba hunda keessaa kan akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedhe. Namoonnis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
1SA 10:25 Saamuʼeelis seera mootummaan sun ittiin bulu namootaaf ibse. Kitaaba keessattis barreessee fuula Waaqayyoo dura kaaʼe. Ergasii Saamuʼeel namoota hunda gara mana isaaniitti of irraa geggeesse.
1SA 10:26 Saaʼol garuu Gibeʼaatti deebiʼee mana ofii isaatti gale; namoonni jajjaboon Waaqni yaada isaanii kakaases isa wajjin deeman.
1SA 10:27 Garuu namoonni kashlabboonni tokko tokko, “Namni kun akkamitti nu oolchuu dandaʼa?” jedhan. Isas ni tuffatan. Kennaa tokko illees hin fidneef. Saaʼol garuu ni calʼise.
1SA 11:1 Naahaash namichi Amoon sun ol baʼee Yaabeesh Giliʼaadin marse. Namoonni Yaabeesh hundinuus Naaʼaashiin, “Kottu walii galtee godhannaa; nus siif hojjennaa” jedhan.
1SA 11:2 Naahaash namichi Amoon garuu, “Ani kanan isin wajjin walii galtee godhadhu yoo ija mirgaa tokkoo tokkoo keessanii isin keessaa baasee akkasiin Israaʼel hunda salphise qofa” jedhee deebiseef.
1SA 11:3 Maanguddoonni Yaabeesh immoo, “Akka nu guutummaa Israaʼel keessa ergamoota ergannuuf guyyaa torba nuuf obsi; yoo namni nu oolchu tokko iyyuu jiraachuu baate nu siif bulla” isaan jedhan.
1SA 11:4 Ergamoonni kunneenis yommuu gara Gibeʼaa iddoo Saaʼol jiraatu dhufanii waan kana namootatti himanitti, namoonni hundi sagalee ol fudhatanii ni booʼan.
1SA 11:5 Yeroo sanatti Saaʼol sangoota isaa oofaa iddoo qonnaatii gala ture; innis, “Sabni kun maal taʼee booʼa?” jedhee gaafate. Isaanis waan namoonni Yaabeesh jedhan sana isatti himan.
1SA 11:6 Yeroo Saaʼol dubbii kana dhagaʼettis Hafuurri Waaqaa humnaan isa irra buʼe; innis aaree bobaʼe.
1SA 11:7 Innis sangoota cimdii tokko fuudhee kukkutee foon isaanii harka ergamootaatti erguudhaan, “Sangoonni nama Saaʼolii fi Saamuʼeelin duukaa hin buune kamii iyyuu akkas taʼu” jedhee guutummaa Israaʼel keessa labse. Sodaachifni Waaqayyoos waan nama hunda qabateef namni hundinuu akkuma nama tokkootti baʼe.
1SA 11:8 Saaʼol iddoo Bezeq jedhamutti walitti isaan qabe; baayʼinni Israaʼelootaa kuma dhibba sadii, kan warra Yihuudaa immoo kuma soddoma ture.
1SA 11:9 Isaanis ergamoota dhufan sanaan, “Namoota Yaabeesh Giliʼaadiin, ‘Bor yeroo aduun hoʼutti bilisa baatu’ jedhaatii itti himaa” jedhaniin. Yommuu ergamoonni sun dhaqanii waan kana isaanitti odeessanitti warri Yaabeesh akka malee gammadan.
1SA 11:10 Isaanis namoota Amooniin, “Nu bor harka keenya isinitti kennanna; isin waan isinitti gaarii fakkaate hunda nu gochuu ni dandeessu” jedhan.
1SA 11:11 Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota isaa garee sadiitti qoode; gara barii halkaniittis dallaa Amoonotaa cabsanii seenuudhaan hamma lafti hoʼutti isaan qalan. Kanneen hafan immoo gargar faffacaʼan; isaan keessaas namni lama iyyuu wal biratti hin hafne.
1SA 11:12 Ergasiis namoonni Saamuʼeeliin, “Warri, ‘Saaʼol nurratti mootii taʼuu hin qabu’ jedhan eenyu faʼi? Namoota kanneen nuu fidi ni ajjeefnaatii” jedhan.
1SA 11:13 Saaʼol garuu, “Guyyaan kun gaafa itti Waaqayyo Israaʼelin baraare waan taʼeef namni tokko iyyuu harʼa hin ajjeefamu” jedhe.
1SA 11:14 Saamuʼeel immoo namootaan, “Kottaa Gilgaal dhaqnee mootii taʼuu isaa achitti mirkaneessinaa” jedhe.
1SA 11:15 Kanaafuu namoonni hundinuu gara Gilgaal dhaqanii Saaʼol mootii taʼuu isaa fuula Waaqayyoo duratti mirkaneessan. Aarsaa nagaas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan; Saaʼolii fi sabni Israaʼel hundis guddaa gammadan.
1SA 12:1 Saamuʼeel Israaʼeloota hundaan akkana jedhe; “Kunoo ani waan isin naan jettan hunda dhagaʼeera; mootii isin irratti moosiseera.
1SA 12:2 Nama mootii taʼee isin hoogganus argattaniirtu. Ani dulloomee arrii baaseera; ilmaan koo kunoo isin wajjin jiru. Ani ijoollummaa kootii jalqabee hamma harʼaatti isin hoogganeera.
1SA 12:3 Ani asan jira; isinis fuula Waaqayyootii fi fuula mooticha inni dibee duratti dhugaa natti baʼaa. Ani sangaa eenyuun fudhadhe? Ani harree eenyuun fudhadhe? Ani eenyun gowwoomse? Ani eenyun cunqurse? Ittiin ija koo jaamsuuf ani eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe? Ani yoon fudhadhee jiraadhe isiniif nan deebisa.”
1SA 12:4 Isaanis deebisanii, “Ati nu hin gowwoomsine yookaan nu hin cunqursine. Nama tokko harkaa iyyuu waan tokko illee hin fudhanne” jedhan.
1SA 12:5 Saamuʼeel immoo, “Akka isin waan tokko illee harka kootti hin argatin Waaqayyo isinitti dhugaa baʼa; dibamaan isaas harʼa dhugaa baʼa” isaaniin jedhe. Isaanis, “Inni dhuga baʼaa dha” jedhan.
1SA 12:6 Ergasiis Saamuʼeel namootaan akkana jedhe; “Kan Musee fi Aroonin dibee abbootii keessan biyya Gibxii baase Waaqayyoo dha.
1SA 12:7 Egaa waaʼee hojii qajeelaa kan Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif hojjete hunda akka ani fuula Waaqayyoo duratti isinitti falmuuf as dhaabadhaa.
1SA 12:8 “Yeroo Yaaqoob biyya Gibxi seenetti abbootiin keessan Waaqayyootti iyyatan; Waaqayyos Musee fi Aroon warra abbootii keessan biyya Gibxii baasanii iddoo kana qubachiisan erge.
1SA 12:9 “Isaan garuu Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatan; kanaaf inni dabarsee harka Siisaaraa ajajaa waraana Haazooriitti, Filisxeemotaa fi mootii Moʼaabitti isaan gurgure; jarris waraana itti banan.
1SA 12:10 Isaanis Waaqayyotti iyyatanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; Waaqayyoon dhiifnee Baʼaalii fi Ashtooretin tajaajilleerra. Amma garuu harka diinota keenyaatii nu baasi; nus si tajaajilla’ jedhan.
1SA 12:11 Waaqayyo Yerub-Baʼaalin, Bedaanin, Yiftaa fi Saamuʼeelin ergee akka isin nagaan jiraattaniif karaa hundaan harka diinota keessaniitii isin baase.
1SA 12:12 “Yommuu akka Naahaash mootiin Amoonotaa isinitti dhufe argitanitti garuu, Waaqayyo Waaqni keessan mootii keessan taʼu iyyuu isin, ‘Lakki; nu mootii nu bulchu barbaannaa’ jettan.
1SA 12:13 Ammas mootiin isin gaafattanii fi filattan kunoo ti! Waaqayyo mootii isin irratti moosiseera.
1SA 12:14 Yoo isin Waaqayyoon sodaattan, yoo isa tajaajiltan, yoo isaaf ajajamtanii fi yoo ajaja isaatti finciluu baattan, yoo hundi keessanii fi mootiin isin irratti moosifame sun Waaqayyo Waaqa keessan faana buutan gaarii dha!
1SA 12:15 Yoo isin Waaqayyoof ajajamuu baattanii ajaja isaatti finciltan akkuma abbootii keessanitti kaʼe sana harki isaa isinittis ni kaʼa.
1SA 12:16 “Egaa jabaadhaa dhaabadhaatii waan guddaa Waaqayyo fuula keessan duratti godhu kana ilaalaa!
1SA 12:17 Amma yeroo itti qamadiin haamamuu mitii? Ani akka inni qaqawweessaa fi bokkaa erguuf Waaqayyoon nan kadhadha. Isin yeroo mootii isin bulchu gaafattanitti akka waan hamaa fuula Waaqayyoo duratti hojjettan ni hubattu.”
1SA 12:18 Kana irratti Saamuʼeel Waaqayyoon waammate; Waaqayyos yeruma sana qaqawweessaa fi bokkaa erge. Namoonni hundinuus Waaqayyoo fi Saamuʼeelin akka malee sodaatan.
1SA 12:19 Namoonni hundinuus Saamuʼeeliin, “Akka nu tajaajiltoonni kee hin dhumneef Waaqayyoon Waaqa kee nuuf kadhadhu; nu cubbuu keenya hunda irratti daballee mootiin nurratti akka moʼu gaafachuudhaan daba hojjenneerraatii” jedhan.
1SA 12:20 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe; “Hin sodaatinaa; isin hammina kana hunda raawwattaniirtu; taʼus garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajilaa malee Waaqayyo irraa hin deebiʼinaa.
1SA 12:21 Garagaltanii wantoota faayidaa hin qabne kanneen isin fayyaduu yookaan isin oolchuu hin dandeenye duukaa hin buʼinaa; isaan faayidaa hin qabaniitii.
1SA 12:22 Waaqayyo sababii maqaa isaa guddaa sanaatiif jedhee saba isaa hin gatu; Waaqayyo kan ofii isaa isin godhachuu jaallateeraatii.
1SA 12:23 Akka yaada kootti ani isinii kadhachuu dhiisee Waaqayyotti yakka hojjechuun narraa haa fagaatu. Ani karaa gaarii fi qajeelaa taʼe isin nan barsiisa.
1SA 12:24 Garuu Waaqayyoon sodaadhaa; garaa keessan guutuunis amanamuudhaan isaaf hojjedhaa; waan guddaa inni isinii godhes yaadadhaa.
1SA 12:25 Yoo hammina hojjechuu itti fuftan garuu, isinis mootiin keessanis ni baddu.”
1SA 13:1 Saaʼol yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtamii lama Israaʼelin bulche.
1SA 13:2 Saaʼol namoota kuma sadii Israaʼel keessaa filate; kumni lama Mikmaasii fi biyya gaaraa Beetʼeelitti Saaʼol wajjin, kumni tokko immoo biyya Beniyaam keessatti Gibeʼaatti Yoonaataan wajjin turan. Namoota kaan garuu gara mana mana isaaniitti deebise.
1SA 13:3 Yoonaataan qubata waraana Filisxeemotaa kan Gibeʼaa keessa ture sana dhaʼe; Filisxeemonnis waaʼee kanaa dhagaʼan. Kana irratti Saaʼol, “Ibroonni hundinuu haa dhagaʼani!” jedhee biyyattii guutuu keessatti malakata afuufsise.
1SA 13:4 Israaʼel hundinuus oduu, “Saaʼol qubata waraana Filisxeemotaa dhaʼeera; Israaʼelis Filisxeemota biratti balfameera” jedhu dhagaʼan. Namoonnis Saaʼol duukaa buʼuuf Gilgaalitti walitti qabaman.
1SA 13:5 Filisxeemonnis Israaʼeloota waraanuuf gaariiwwan kuma soddoma, namoota gaarii oofan kuma jaʼaa fi loltoota akka cirracha galaanaa baayʼataniin hiriiran. Ol baʼaniis karaa baʼa Beet Aawwen iddoo Mikmaas jedhamu qubatan.
1SA 13:6 Namoonni Israaʼel yommuu akka haalli isaan keessa jiran sodaachisaa taʼee fi akka loltoonni isaanii sardamaa jiran arganitti holqa keessa, qoraattii keessa, kattaa keessa, bowwaa keessaa fi boolla keessa dhokatan.
1SA 13:7 Ibroonni tokko tokko immoo Yordaanos ceʼanii biyya Gaadii fi Giliʼaad dhaqan. Saaʼol garuu Gilgaalitti hafe; loltoonni isa wajjin turan hundinuus sodaadhaan hollachaa turan.
1SA 13:8 Innis akkuma yeroo Saamuʼeel murteesse sanaatti bultii torba eege; Saamuʼeel garuu gara Gilgaal hin dhufne; namoonni Saaʼolis bibittinnaaʼuu jalqaban.
1SA 13:9 Saaʼolis, “Aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa as naa fidaa” jedhe. Innis aarsaa gubamu ni dhiʼeesse.
1SA 13:10 Akkuma Saaʼol aarsaa dhiʼeessee xumureen Saamuʼeel dhufe. Saaʼolis isa simachuuf gad baʼe.
1SA 13:11 Saamuʼeel, “Ati maal gochuu kee ti?” jedhee gaafate. Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Ani yeroon akka sabni bibittinnaaʼe, akka ati yeroo murteeffametti hin dhufinii fi akka Filisxeemonni Mikmaasitti walitti qabaman argetti,
1SA 13:12 ‘Filisxeemonni Gilgaalitti natti dhufan; anis surraa Waaqayyoo hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaafuu aarsaa gubamu dhiʼeessuun dirqama natti taʼe.”
1SA 13:13 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati waan siif hin malle hojjete; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kenne hin eegne; utuu ajaja isaa eegdee jiraattee inni mootummaa kee Israaʼel irratti jabeessee bara baraan ni dhaaba ture.
1SA 13:14 Amma garuu mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Waaqayyo nama akka fedhii garaa isaa taʼe argateera; sababii ati ajaja Waaqayyoo hin eeginiif inni dura deemaa saba isaa godhatee isa muudateera.”
1SA 13:15 Ergasii Saamuʼeel Gilgaal dhiisee gara Gibeʼaa ishee biyya Beniyaam keessatti argamtuutti ol baʼe; Saaʼolis namoota isa wajjin turan ni lakkaaʼe. Baayʼinni isaaniis gara nama dhibba jaʼa ture.
1SA 13:16 Yeroo Filisxeemonni Mikmaas keessa qubatanii turanitti Saaʼol, ilmi isaa Yoonaataanii fi namoonni isaan wajjin turan biyya Beniyaam Gibeʼaa keessa turan.
1SA 13:17 Gareen weerartootaa iddoo sadiitti qoodamanii qubata Filisxeemotaatii baʼan. Gareen tokko gara Ofraa kan biyya Shuuʼaali keessa jiru sanaatti qajeele;
1SA 13:18 gareen lammaffaan karaa Beet Horoonitti, gareen sadaffaan immoo karaa daarii irraangadee Sulula Zebooʼiim kan fuullee gammoojjiitti geessu irra buʼe.
1SA 13:19 Sababii Filisxeemonni, “Ibroonni goraadee yookaan eeboo ofii isaaniitiif hin tumsiifatin!” jedhanii turaniif Israaʼel hunda keessatti namni sibiila tumu tokko iyyuu hin argamne.
1SA 13:20 Kanaafuu Israaʼeloonni hundi maarashaa isaanii, gasoo isaanii, dhagaraa fi haamtuu isaanii qarsiifachuuf gara Filisxeemotaatti gad buʼan.
1SA 13:21 Gatiin ittiin maarashaa fi gasoo qarsiifatan saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka lama; qorbii, dhagaraa fi meeshaa ittiin qotiyyoo tuttuqan qarsiifachuuf immoo saqilii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko kaffalu turan.
1SA 13:22 Kanaafuu guyyaa waraanaa Saaʼolii fi Yoonaataan malee loltuun tokko iyyuu goraadee yookaan eeboo hin qabu ture.
1SA 13:23 Gaafuma sana gareen Filisxeemotaa tokko gara malkaa Mikmaasitti gad buʼe.
1SA 14:1 Gaafa tokko Yoonaataan ilmi Saaʼol dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata Filisxeemotaa kan gama kaaniin jiru sanaatti ceenaa” jedhe. Inni garuu abbaa isaatti hin himne.
1SA 14:2 Saaʼolis Migroon keessa daarii Gibeʼaa muka Roomaanii jala taaʼaa ture. Namoonni isa wajjin turanis gara dhibba jaʼaa ti;
1SA 14:3 Ahiiyaan inni dirata uffatus isaan keessaa tokko ture. Innis ilma Ahiixuub obboleessa Iikaabood, ilma Fiinehaas ilma Eelii kan Shiiloo keessatti luba Waaqayyoo ture sanaa ti. Akka Yoonaataan deemes namni tokko iyyuu quba hin qabu ture.
1SA 14:4 Malkaan ittiin Yoonaataan gara qubata waraana Filisxeemotaatti ceʼuu barbaade sun bitaa fi mirgaan kattaawwan qara qaban lama qaba ture; inni tokko Bozeezi, kaan immoo Seenee jedhama.
1SA 14:5 Kattaan tokko karaa kaabaa fuullee Mikmaasiin, kaan immoo karaa kibbaa fuullee Gibeʼaa dhaabata ture.
1SA 14:6 Yoonaataanis dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Kottu gara qubata warra dhagna hin qabatin sanaatti ceenaa. Maaltu beeka Waaqayyo nu gargaara taʼaatii. Baayʼeedhaanis taʼu xinnoodhaan wanni fayyisuu irraa Waaqayyoon dhowwu tokko iyyuu hin jiru” jedhe.
1SA 14:7 Dargaggeessichi miʼa lolaa isaaf baatu sunis, “Waan qalbiitti yaadde hunda godhi; duubattis hin deebiʼin; anis akkuma yaada keetiitti si wajjinan jira” jedhe.
1SA 14:8 Yoonaataanis akkana jedhe; “Egaa kottu gara isaaniitti ceenaa; isaan nu hin argan.
1SA 14:9 Yoo isaan, ‘Hamma nu gara keessan dhufnuttu nu eegaa’ jedhan, asumatti isaan eegna; garuu isaanitti ol hin baanu.
1SA 14:10 Yoo isaan, ‘Gara keenyatti ol kottaa’ jedhan garuu kun akka Waaqayyo dabarsee harka keenyatti isaan kenne mallattoo waan nuu taʼuuf itti ol baana.”
1SA 14:11 Lamaan isaanii iyyuu qubata loltoota Filisxeemotaatti of argisiisan. Filisxeemonnis, “Kunoo! Ibroonni boolla itti dhokatan keessaa baʼaa jiru” jedhan.
1SA 14:12 Namoonni qubata Filisxeemotaa keessa jiranis, “Ol kottaa; waan tokko isinitti argisiisnaa!” jedhanii Yoonaataanii fi dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatu sanatti iyyan. Kanaaf Yoonaataan dargaggeessa miʼa lolaa isaaf baatuun, “Waaqayyo harka Israaʼelootaatti dabarsee isaan kenneeraatii na faana kottu” jedhe.
1SA 14:13 Yoonaataan harkaa fi miilla isaatiin daaʼimee ol baʼe; dargaggeessi miʼa lolaa isaaf baatus isa faana ol baʼe. Filisxeemonnis harka Yoonaataaniitiin barbadeeffaman; dargaggeessichi Yoonaataan wajjin tures isa duukaa buʼee isaan fixe.
1SA 14:14 Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun rukuttaa jalqabaa sana keessatti lafa qotiyyoo cimdii tokko oolchuu irratti Filisxeemota gara digdamaa taʼan ajjeesan.
1SA 14:15 Qubata keessatti, lafa qotiisaa keessattii fi saba gidduutti naasuutu taʼe; loltoonni qubata keessa turanii fi warri balaa buusan ni hollatan; laftis ni raafamte. Naasuun sunis naasuu Waaqa biraa ergame ture.
1SA 14:16 Yeroo sana waardiyyoonni Saaʼol kanneen biyya Beniyaam keessa Gibeʼaa turan utuu loltoonni sun karaa hundaan bittinnaaʼanii ni argan.
1SA 14:17 Saaʼol namoota isa wajjin turaniin, “Mee loltoota lakkaaʼaatii nama nu keessaa deeme ilaalaa” jedhe. Yommuu lakkaaʼanittis Yoonaataanii fi namichi miʼa lolaa isaaf baatu sun achi hin turre.
1SA 14:18 Saaʼolis Ahiiyaadhaan, “Mee taabota Waaqaa as fidi” jedhe. Yeroo sana taabonni sun Israaʼeloota harka ture.
1SA 14:19 Utuu Saaʼol lubatti dubbachaa jiruu qubata Filisxeemotaa keessatti wacni guddachaa dhufe. Kanaafuu Saaʼol lubichaan, “Harka kee gad deebifadhu” jedhe.
1SA 14:20 Saaʼolii fi namoonni isaa wal gaʼanii gara waraanaa deeman. Isaanis utuu Filisxeemonni burjaajaʼanii goraadee ofii isaaniitiin wal cicciranuu argan.
1SA 14:21 Ibroonni duraan Filisxeemota wajjin turanii fi isaan wajjin gara qubata isaaniitti ol baʼan sun gara Israaʼeloota warra Saaʼolii fi Yoonaataan wajjin turaniitti deebiʼan.
1SA 14:22 Israaʼeloonni biyya gaaraa Efreem keessatti dhokatanii turan yommuu akka Filisxeemonni baqachaa jiran dhagaʼanitti, lolatti makamanii isaan ariʼan.
1SA 14:23 Gaafas Waaqayyo Israaʼelin ni baraare; lolli sunis Beet Aawwen darbee itti fufe.
1SA 14:24 Saaʼol, “Hamma galgalaatti, hamma ani diinota koo haaloo baafadhutti namni waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!” jedhee waan saba kakachiisee tureef gaafas namoonni Israaʼel akka malee dhiphatanii turan. Kanaafuu loltoota keessaa namni tokko iyyuu waa afaaniin hin qabne.
1SA 14:25 Hoomaan waraanaa hundi bosona seene; dammis lafa ture.
1SA 14:26 Isaanis yeroo bosona seenanitti damma yaaʼu argan; taʼus isaan waan kakaa sana sodaataniif namni tokko iyyuu harka isaa afaanitti hin geeffanne.
1SA 14:27 Yoonaataan garuu akka abbaan isaa namoota kakaadhaan qabe hin dhageenye ture; kanaafuu inni fiixee ulee qabatee ture sanaatiin dhaaba dammaa waraanee afaaniin muuxate; iji isaas ni ifeef.
1SA 14:28 Ergasiis loltoota keessaa tokko, “Abbaan kee, ‘Namni harʼa waa nyaatu kam iyyuu abaaramaa haa taʼu!’ jedhee cimsee hoomaa waraanaa kakaadhaan qabeera; namoonnis kanaaf gaggaban” jedhee isatti hime.
1SA 14:29 Yoonaataan immoo akkana jedhe; “Abbaan koo biyyatti rakkina uumeera. Yommuu ani damma kana irraa xinnoo afaaniin qabetti iji koo akkamitti akka naaf ifee baname mee ilaalaa.
1SA 14:30 Namoonni utuu boojuu diinota isaanii irraa fudhatan keessaa waa nyaatanii akkam gaarii ture. Silaa Filisxeemonni ajjeefaman kana caalaa baayʼatu ture mitii?”
1SA 14:31 Israaʼeloonni gaafa sana erga Mikmaasii hamma Ayaaloonitti Filisxeemota dhaʼanii booddee akka malee dadhabanii turan.
1SA 14:32 Isaanis itti gaggabanii waan boojiʼan irratti lafa dhaʼanii hoolota, sangootaa fi jabboota lafatti qalatan; dhiiguma wajjinis nyaatan.
1SA 14:33 Isaan keessaas namichi tokko, “Kunoo namoonni foon dhiiga wajjin nyaachuudhaan Waaqayyotti cubbuu hojjechaa jiru” jedhee Saaʼolitti hime. Innis, “Isin seera cabsitaniirtu! Dhagaa guddaa isaa gangalchaatii as naa fidaa” jedhe.
1SA 14:34 Ergasiis, “Isin namoota gidduu faffacaʼaatii, ‘Tokkoon tokkoon keessan sangaa fi hoolaa keessan fidaatii qalaa nyaadhaa; isin foon dhiiga isaa wajjin nyaachuudhaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjetinaa’ isaaniin jedhaa” jedhe. Kanaafuu namni hundi halkan gaafasii sangaa isaa fidee achitti qale.
1SA 14:35 Saaʼolis iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaare; waan kanas yeroo jalqabaatiif godhe.
1SA 14:36 Saaʼol, “Kottaa Filisxeemota duukaa buunee hamma lafti bariʼutti isaan saamnaa; nama tokko illee lubbuun hin hambifnu” jedhe. Isaanis, “Waan gaarii sitti fakkaate hunda godhi” jedhanii deebisan. Lubichi garuu, “Asumatti Waaqa gaafanna” jedhe.
1SA 14:37 Saaʼolis, “Ani Filisxeemota duukaa buʼuu? Ati dabarsitee harka Israaʼelitti isaan ni kennitaa?” jedhee Waaqa gaafate. Waaqni garuu gaafa sana deebii hin kennineef.
1SA 14:38 Kanaafuu Saaʼol akkana jedhe; “Hooggantoonni loltootaa hundi as kottaa; cubbuu harʼa hojjetame ifatti baafnaa.
1SA 14:39 Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼelin baraaru sanaa, yoo namni cubbuu kana hojjete ilma koo Yoonaataan illee taʼe inni duʼuu qaba.” Garuu isaan keessaa namni tokko iyyuu deebii isaaf hin kennine.
1SA 14:40 Saaʼolis Israaʼeloota hundaan, “Isin achi dhaabadhaa; anii fi ilmi koo Yoonaataan immoo as dhaabanna” jedhe. Namoonnis, “Waan gaarii sitti fakkaate godhi” jedhaniin.
1SA 14:41 Ergasii Saaʼol, “Deebii qajeelaa naa kenni” jedhee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel kadhate. Ixaanis Yoonaataanii fi Saaʼolitti baʼe; namoonnis bilisa baʼan.
1SA 14:42 Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yoonaataan gidduutti immoo ixaa buusaa” jedhe. Ixaan sunis Yoonaataanitti baʼe.
1SA 14:43 Saaʼolis Yoonaataaniin, “Ati waan goote natti himi” jedhe. Yoonaataanis, “Ani dhugumaan fiixee ulee kootiin damma xinnoo ishee muuxadheera. Egaa ani duʼuun qabaa?” jedhee isatti hime.
1SA 14:44 Saaʼolis Yoonaataaniin, “Yoonaataan, yoo ati dhugumaan duʼuu baatte Waaqni waan kanaa fi kan caalu iyyuu natti haa fidu” jedhe.
1SA 14:45 Namoonni garuu Saaʼoliin akkana jedhan; “Yonaataan namni moʼannoo guddaa kana Israaʼeliif fide duʼuu qabaa? Kun gonkumaa hin taʼu! Dhugaa Waaqayyo jiraataa, rifeensi mataa isaa tokko illee lafa hin buʼu; inni gargaarsa Waaqaatiin harʼa waan kana godheeraatii.” Namoonni akkasiin Yoonaataanin baraaran; innis hin ajjeefamne.
1SA 14:46 Saaʼolis Filisxeemota ariʼuu ni dhiise; isaanis gara biyya isaaniitti dachaʼan.
1SA 14:47 Saaʼol erga Israaʼel irratti mootii taʼee booddee diinota isaanii kanneen gama hundaan turan hunda jechuunis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Mootota Zoobaa fi Filisxeemota lole. Lafa dhaqu hundattis isaan barbadeessa ture.
1SA 14:48 Gootummaadhaanis Amaaleqoota lolee moʼate; Israaʼelootas harka warra isaan saamanii jalaa baase.
1SA 14:49 Ilmaan Saaʼol Yoonaataan, Yishwii fi Malkii-Shuwaa turan. Maqaan intallan isaa immoo isheen hangafni Meerab, quxisuun immoo Miikaal jedhama ture.
1SA 14:50 Maqaan niitii isaa Ahiinooʼam jedhama ture; isheenis intala Ahiimaʼaz turte. Maqaan ajajaa waraana Saaʼol Abneer ilma Neeriti; Neer immoo obboleessa abbaa Saaʼol.
1SA 14:51 Qiish abbaan Saaʼolii fi Neer abbaan Abneer ilmaan Abiiʼeel.
1SA 14:52 Bara jireenya Saaʼol guutuu waraana cimaatu Filisxeemota irratti adeemsifamaa ture; Saaʼolis yommuu nama jabaa yookaan goota tokko argutti ofitti fudhatee akka isa tajaajilu godhata ture.
1SA 15:1 Saamuʼeelis Saaʼoliin akkana jedhe; “Akka ati saba isaa Israaʼel irratti mootii taatuuf akka ani si dibuuf Waaqayyo na ergeera; kanaafuu ati amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi.
1SA 15:2 Waaqayyo Waan Hundumaa Dandaʼu akkana jedha: ‘Waan isaan yeroo Israaʼel Gibxii baʼetti karaa irratti isaaniin mormuudhaan godhan sanaaf ani Amaaleqoota nan adaba.
1SA 15:3 Amma dhaqii Amaaleqoota dhaʼiitii waan kan isaanii taʼe hunda barbadeessi. Isaan hin hambisin; dhiirotaa fi dubartoonni, ijoollee fi daaʼimman, loonii fi hoolota, gaalawwanii fi harroota fixi.’ ”
1SA 15:4 Kanaafuu Saaʼol iddoo Xilaaʼiim jedhamutti namoota walitti qabee lakkaaʼe; isaanis loltoota lafoo kuma dhibba lamaa fi namoota Yihuudaa kuma kudhan turan.
1SA 15:5 Saaʼolis gara magaalaa Amaaleqootaa dhaqee sulula tokko keessa riphee taaʼe.
1SA 15:6 Innis Qeenotaan, “Akka ani Amaaleqoota wajjin isin hin balleessineef achi hiiqaa; isaan irraas fagaadhaa; isin yeroo Israaʼeloonni hundi Gibxii baʼanitti waan gaarii isaaniif gootaniirtuutii” jedhe. Kanaafuu Qeenonni Amaaleqoota irraa fagaatan.
1SA 15:7 Ergasii Saaʼol Hawiilaa hamma Shuuri kan baʼa Gibxiitti argamuutti Amaaleqoota dhaʼe.
1SA 15:8 Innis Agaag mooticha Amaaleqootaa utuma lubbuun jiruu boojiʼe; namoota isaa hundas guutumaan guutuutti goraadeen fixe.
1SA 15:9 Saaʼolii fi loltoonni isaa garuu Agaagin, hoolotaa fi loon, jabboota coccoomoo fi xobbaallaawwan hoolaa, waan gaarii hundas ni hambisan. Isaan kana guutumaan guutuutti fixuun fedhii isaanii hin turre; garuu waan tuffatamaa fi dadhabaa hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
1SA 15:10 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Saamuʼeel dhufe;
1SA 15:11 “Ani Saaʼolin mootii gochuu kootti gaabbeera; inni sababii narraa garagaleef ajaja koo hin eegne.” Saamuʼeelis akka malee dhiphatee halkan sana guutuu Waaqayyotti booʼaa bule.
1SA 15:12 Saamuʼeelis ganama bariin kaʼee Saaʼolin arguu deeme; taʼus, “Saaʼol gara Qarmeloos deemeera. Achittis erga soodduu yaadannoo isaa dhaabbatee booddee gara Gilgaalitti gad buʼeera” jedhamee itti himame.
1SA 15:13 Yeroo Saamuʼeel Saaʼol bira dhaqettis Saaʼol, “Waaqayyo si haa eebbisu! Ani ajaja Waaqayyoo eegeera” jedhe.
1SA 15:14 Saamuʼeel garuu, “Yoos marʼachuun hoolotaatii fi barooduun sangootaa kan ani dhagaʼu kun maali ree?” jedhe.
1SA 15:15 Saaʼolis, “Loltootatu Amaaleqoota irraa boojiʼee isaan fide; hoolotaa fi loon keessaa kanneen filatamoo taʼan Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gochuuf hambisaniiru; nu garuu kanneen hafan guutumaan guutuutti barbadeessineerra” jedhee deebise.
1SA 15:16 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Afachu! Ani waan Waaqayyo eda halkan natti hime sittin himaa” jedhe. Saaʼolis deebisee, “Natti himi” jedhe.
1SA 15:17 Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Ati ija ofii keetii duratti xinnaa kan taatu iyyuu bulchaa gosa Israaʼel hin taanee? Waaqayyos Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.
1SA 15:18 Inni, ‘Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana guutumaan guutuutti barbadeessi; hamma isaan fixxuttis isaan waraani’ jedhee si ergee ture.
1SA 15:19 Ati maaliif Waaqayyoof hin ajajamne ree? Maaliif gaggabdee boojuu irratti lafa dhooftee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjette?”
1SA 15:20 Saaʼolis akkana jedhee deebise; “Ani Waaqayyoof ajajameera; gara Waaqayyo itti na erges dhaqeera. Ani Amaaleqoota guutumaan guutuutti barbadeessee mootii isaanii Agaagin fideera.
1SA 15:21 Loltoonni garuu Gilgaalitti Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhanii boojuu sana keessaa waan filatamaa Waaqaaf qulqulleeffame keessaa hoolotaa fi loon fudhatan.”
1SA 15:22 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “Waaqayyo akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala.
1SA 15:23 Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. Waan ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.”
1SA 15:24 Saaʼolis Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Ani cubbuu hojjedheera. Ani ajaja Waaqayyootii fi dubbii kee fudhachuu dideera. Ani waanan namoota sodaadheef isaanii ajajameera.
1SA 15:25 Ammas cubbuu koo naa dhiisiitii akka ani Waaqayyoof sagaduuf na wajjin deebiʼi.”
1SA 15:26 Saamuʼeel immoo, “Ani si wajjin hin deebiʼu. Ati dubbii Waaqayyoo tuffatteerta; Waaqayyos saba Israaʼel irratti mootii taʼuu kee tuffateera!” jedheen.
1SA 15:27 Akkuma Saamuʼeel deemuuf of irra garagaleenis Saaʼol handaara uffata isaa qabe; uffanni isaas ni tarsaʼe.
1SA 15:28 Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Waaqayyo harʼa mootummaa Israaʼel sirraa tarsaasee ollaa kee kan si caalu tokkoof kenneera.
1SA 15:29 Inni ulfina Israaʼel taʼe sun takkumaa hin sobu yookaan yaada isaa hin geeddaru; akka yaada isaa hin geeddarreef inni nama miti.”
1SA 15:30 Saaʼol immoo deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera. Garuu fuula maanguddoota saba kootiitii fi fuula Israaʼel duratti ulfina naa kenni; akka ani Waaqayyo Waaqa keetiif sagaduufis kottuu na wajjin deebiʼi” jedhe.
1SA 15:31 Saamuʼeel akkasiin Saaʼol wajjin deebiʼe; Saaʼolis Waaqayyoof sagade.
1SA 15:32 Saamuʼeelis, “Agaag mootii Amaaleqootaa sana as naa fidaa” jedhe. Agaagis, “Hadhaan duʼaa dhugumaan narraa fagaateera” jedhee gammadaa gara isaa dhufe.
1SA 15:33 Saamuʼeel garuu, “Akkuma goraadeen kee dubartoota ilmoo malee hambise sana, haati kees dubartoota keessaa ilmoo malee hafti” jedhe. Saamuʼeelis Gilgaalitti fuula Waaqayyoo duratti Agaagin ciccire.
1SA 15:34 Ergasiis Saamuʼeel gara Raamaa deeme; Saaʼol garuu gara mana ofii isaa, gara Gibeʼaa Saaʼolitti qajeele.
1SA 15:35 Saamuʼeel hamma gaafa duʼeetti deebiʼee Saaʼolin hin argine; Saamuʼeel garuu Saaʼoliif booʼaa ture. Waaqayyos Israaʼel irratti Saaʼolin mootii gochuu isaatti ni gaabbe.
1SA 16:1 Waaqayyos Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Saaʼol isa ani akka inni Israaʼel irratti mootii hin taaneef tuffadhe sanaaf hamma yoomiitti boossa? Gaanfa keetti zayitii guuttadhuutii deemi; ani gara Isseeyi nama Beetlihemitti sin erga. Ani ilmaan isaa keessaa isa tokko akka mootii taʼuuf filadheeraatii.”
1SA 16:2 Saamuʼeel garuu, “Ani akkamittin deemuu dandaʼa? Saaʼol yoo waan kana dhagaʼe na ajjeesa” jedhe. Waaqayyo immoo akkana jedhe; “Goromsa tokko fudhadhuu dhaqiitii, ‘Ani Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuufin dhufe’ jedhi.
1SA 16:3 Isseeyinis gara aarsaatti waami; ani waan ati gootu sitti argisiisa. Atis nama ani sitti argisiisu sana naa dibda.”
1SA 16:4 Saamuʼeelis waan Waaqayyo isa ajaje godhe. Yommuu inni Beetlihem gaʼetti maanguddoonni magaalaa sanaa hollachaa isa simachuu dhufanii, “Ati naguma dhuftee?” jedhanii isa gaafatan.
1SA 16:5 Saamuʼeelis deebisee, “Eeyyee naguma; ani Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuun dhufe. Isinis of qulqulleessaatii na wajjin gara aarsaa kottaa” jedhe. Ergasiis inni Isseeyii fi ilmaan isaa qulqulleessee gara aarsaatti isaan waame.
1SA 16:6 Yeroo isaan achi gaʼanittis Saamuʼeel Eliiyaabin argee, “Dhugumaan namni Waaqayyo dibe as fuula Waaqayyoo dura dhaabateera” jedhee garaatti yaade.
1SA 16:7 Waaqayyo garuu Saamuʼeeliin, “Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Waaqayyo waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Waaqayyo garuu waan garaa keessa jiru ilaala” jedhe.
1SA 16:8 Isseeyis ergasii Abiinaadaabin waamee akka inni fuula Saamuʼeel dura darbu godhe. Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isa kana hin filanne” jedhe.
1SA 16:9 Isseey akka Shamaan darbu godhe; Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isa kanas hin filanne” jedhe.
1SA 16:10 Isseey akka ilmaan isaa torbanuu fuula Saamuʼeel dura darban godhe; Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isaan kanneen hin filanne” jedhe.
1SA 16:11 Innis, “Ilmaan kee hundi kanneenumaa?” jedhee Isseeyin gaafate. Isseeyis, “Quxxisuun hunda isaanii tokko jira; inni garuu hoolota tiksaa jira” jedhe. Saamuʼeelis, “Nama itti ergiitii isa fichisiisi; nu hamma inni dhufutti hin teenyuutii” jedhe.
1SA 16:12 Kanaaf Isseeyi nama itti ergee isa fichisiise. Innis diimaa, nama iji isaa miidhaguu fi nama dhaaba tolu ture. Waaqayyos, “Kaʼii isa dibi; inni ani filadhe isa kanaatii” jedhe.
1SA 16:13 Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawit irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme.
1SA 16:14 Hafuurri Waaqayyoos Saaʼol irraa fagaate; hafuurri hamaan Waaqayyo biraa ergame immoo Saaʼolin dhiphise.
1SA 16:15 Tajaajiltoonni Saaʼol akkana isaan jedhan; “Kunoo hafuurri hamaan Waaqa biraa ergamee si dhiphisaa jira.
1SA 16:16 Egaa gooftaan keenya akka isaan nama baganaa taphachuu dandaʼu barbaadaniif tajaajiltoota isaa warra fuula isaa dura jiran haa ajaju. Innis yommuu hafuurri hamaan sun Waaqa biraa sitti dhufu baganaa siif taphata; sittis ni wayyaaʼa.”
1SA 16:17 Kanaafuu Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Nama akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼu tokko barbaadaatii naa fidaa” jedhe.
1SA 16:18 Tajaajiltoota sana keessaa tokko, “Kunoo ilma Isseey nama Beetlihem kan baganaa taphachuu beeku tokko ani argeera. Innis jagnaa fi loltuu dha. Nama dubbii beekuu fi miidhagaa dha. Waaqayyos isa wajjin jira” jedhee deebise.
1SA 16:19 Saaʼolis Isseeyitti ergamoota ergee, “Ilma kee Daawit isa hoolota bira jiru sana naa ergi” jedhe.
1SA 16:20 Isseeyis harree tokko fidee buddeenaa fi daadhii wayinii qalqalloo tokko itti feʼee, ilmoo reʼee tokko wajjin ilma isaa Daawitin Saaʼoliif erge.
1SA 16:21 Daawit gara Saaʼol dhufee tajaajila isaa jalqabe. Saaʼol akka malee isa jaallate; Daawitis nama miʼa lolaa isaaf baatu taʼe.
1SA 16:22 Saaʼolis, “Akka inni na wajjin turee na tajaajiluuf Daawitiif eeyyami; ani isatti gammadeeraatii” jedhee Isseeyitti dhaame.
1SA 16:23 Yommuu hafuurri hamaan Waaqa biraa Saaʼolitti dhufu hunda, Daawit baganaa isaa fudhatee taphata ture; Saaʼolis boqonnaa argata; itti wayyaaʼas ture. Hafuurri hamaan sunis isa dhiisee deema ture.
1SA 17:1 Yeroo sana Filisxeemonni lolaaf humna isaanii walitti qabatanii Yihuudaa keessatti Sookootitti wal gaʼan. Isaanis Sakootii fi Azeeqaa gidduu Efes Damiim keessa qubatan.
1SA 17:2 Saaʼolii fi namoonni Israaʼel immoo wal gaʼanii Sulula Elaa keessa qubatan; Filisxeemota waraanuufis hiriiran.
1SA 17:3 Filisxeemonni gaara tokko qabatan; Israaʼeloonni immoo tulluu kaan qabatan; gidduu isaanii immoo sululatu ture.
1SA 17:4 Namichi beekamaan Gaatii dhufe kan maqaan isaa Gooliyaad jedhamu tokko qubata Filisxeemotaa keessaa gad baʼe. Hojjaan isaas dhundhuma jaʼaa fi taakkuu tokko ture.
1SA 17:5 Innis gonfoo naasii mataatti kaaʼatee qomee naasii kan saqilii kuma shan ulfaatu uffata ture;
1SA 17:6 miilla isaattis gambaallee naasii hidhatee gatiittii isaatti eeboo baadhata ture.
1SA 17:7 Somaan eeboo isaa furdaa akka muka wayya dhooftuun wayyaa itti martuu ture; sibiilli eeboo isaas saqilii dhibba jaʼa ulfaata ture. Baattuun gaachana isaas fuula isaa dura deema ture.
1SA 17:8 Gooliyaadis loltoota Israaʼel kanneen waraanaaf hiriiranitti iyyee akkana jedhe; “Isin waraanaaf hiriirtanii baʼuun keessan maaliif? Ani nama Filisxeem, isin immoo tajaajiltoota Saaʼol mitii? Ofii keessanii nama tokko filadhaatii inni gara kootti gad haa buʼu.
1SA 17:9 Yoo inni na lolee na ajjeesuu dandaʼe, nu isin jalatti bulla; yoo ani isa moʼadhee isa ajjeese garuu isin nu jalatti bultanii tajaajiltoota keenya taatu.”
1SA 17:10 Filisxeemichis, “Ani harʼa Israaʼeliin nan morkadha! Akka wal lolluuf nama tokko naa kennaa” jedhe.
1SA 17:11 Saaʼolii fi Israaʼeloonni hundi yommuu dubbii kana dhagaʼanitti akka malee raafaman; ni sodaatanis.
1SA 17:12 Daawit ilma Isseeyi namicha Efraataa kan Beetlihem Yihuudaa sanaa ti. Isseeyis ilmaan saddeeti qaba ture; innis bara Saaʼol keessa nama dulloomee jaare ture.
1SA 17:13 Ilmaan Isseey hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii lafa waraanaa dhaqanii turan; maqaan isaaniis inni hangafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abiinaadaab, inni sadaffaan immoo Shamaa jedhama ture.
1SA 17:14 Daawit quxisuu hunda isaanii ture. Isaan hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii deeman;
1SA 17:15 Daawit garuu hoolota abbaa isaa tiksuuf jedhee Saaʼol biraa Beetlihemitti deddeebiʼaa ture.
1SA 17:16 Namichi Filisxeem sunis guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala dhufee isaanitti of mulʼisa ture.
1SA 17:17 Isseey immoo ilma isaa Daawitiin akkana jedhe; “Akaayii kana irraa iifii tokkoo fi buddeena kurnan kana fuudhiitii ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo qubata isaaniitti geessi.
1SA 17:18 Baaduu kurnan kana immoo ajajaa kumaa isaaniitiif geessi. Haala obboloonni kee keessa jiran ilaaliitii oduu isaanii fidii kottu.
1SA 17:19 Isaan Saaʼolii fi namoota Israaʼel wajjin Sulula Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru.”
1SA 17:20 Daawitis tiksee biratti bushaayee dhiisee ganama barii kaʼee nyaata sana qabatee akkuma Isseey isa ajajetti kaʼee qajeele. Innis utuu loltoonni dhaadachaa hiriiraan adda waraanaatti yaaʼaa jiranuu lafa qubataa gaʼe.
1SA 17:21 Israaʼelii fi Filisxeemonni tarree tarreedhaan fuula walitti garagalfatan.
1SA 17:22 Daawitis miʼa isaa eegduu miʼaa biratti dhiisee gara adda waraanaatti fiigee obboloota isaa nagaa gaafate.
1SA 17:23 Utuma inni isaan wajjin haasaʼaa jiruu, Gooliyaad jagnichi Filisxeem namichi Gaati sun hiriira Filisxeemotaa keessaa dubbiidhuma kanaan dura dubbachaa ture sana dubbate; Daawitis isa dhagaʼe.
1SA 17:24 Israaʼeloonni hundinuu yommuu namicha arganitti sodaa guddaadhaan isa biraa baqatan.
1SA 17:25 Israaʼeloonnis, “Isin akka namichi kun as deddeebiʼaa jiru argituu? Inni dhugumaan Israaʼeliin morkachuuf dhufe. Mootiin nama isa ajjeesuuf qabeenya guddaa kenna. Intala isaa illee itti heerumsiisa; maatii abbaa isaas akka Israaʼel keessatti gibira hin gabbarre godha” waliin jechaa turan.
1SA 17:26 Daawit namoota isa bira dhadhaabachaa turaniin, “Nama namicha Filisxeem kana ajjeesee Israaʼel irraa salphina kana fuudhuuf maaltu godhama? Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun akka loltoota Waaqa jiraataa doorsisuuf inni eenyuu?” jedhee gaafate.
1SA 17:27 Namoonnis, “Wanni nama isa ajjeesuuf godhamu kanuma” jedhanii dubbiidhuma duraan dubbachaa turan sana irra deebiʼanii itti himan.
1SA 17:28 Eliiyaab hangafni Daawit inni jalqabaa Daawit namoota wajjin dubbachaa akka jiru yommuu argetti aaree gubatee akkana jedhe; “Ati maal gochuu as gad buute? Hoolota muraasa sana gammoojjii keessatti eenyutti dhiiftee dhufte? Ani of tuulummaa keetii fi hammina garaa keetii nan beeka; ati waraana ilaaluu dhufteetii.”
1SA 17:29 Daawit immoo, “Ani amma maalin godhe? Ani dubbachuu illee hin dandaʼuu?” jedhe.
1SA 17:30 Ergasiis gara nama biraatti garagalee waanuma duraa sana gaafate; namoonnis akkuma jalqabaatti deebisaniif.
1SA 17:31 Wanni Daawit jechaa tures dhagaʼamee Saaʼol qaqqabe; Saaʼolis isa waamsise.
1SA 17:32 Daawitis Saaʼoliin, “Sababii namicha Filisxeem kanaatiif namni tokko iyyuu abdii hin kutatin; ani garbichi kee dhaqee isa nan waraana” jedhe.
1SA 17:33 Saaʼolis Daawitiin, “Ati dhaqxee Filisxeemicha kana waraanuu hin dandeessu; ati ijoollee dha; inni immoo ijoollummaa isaatii jalqabee loltuu ture” jedhe.
1SA 17:34 Daawit garuu Saaʼoliin akkana jedhe; “Garbichi kee hoolota abbaa isaa tiksaa ture. Yeroo leenci yookaan amaakenni dhufee bushaayee keessaa tokko fudhatutti,
1SA 17:35 ani isa faana fiigee dhaʼee hoolaa sana afaan isaatii nan buusisan ture. Yoo inni natti gara gale immoo kokkee isaa qabee dhaʼee isa ajjeesa ture.
1SA 17:36 Ani garbichi kee leencaa fi amaaketa ajjeeseera; Filisxeemichi dhagna hin qabatin kunis akkuma tokkoo isaanii taʼa; inni loltoota Waaqa jiraataa doorsiseeraatii.
1SA 17:37 Waaqayyo inni irree leencaatii fi irree amaaketaa jalaa na baase sun harka Filisxeemicha kanaa jalaas na baasa.” Saaʼolis Daawitiin, “Dhaqi, Waaqayyo si wajjin haa taʼu” jedhe.
1SA 17:38 Ergasiis Saaʼol uffata lolaa kan ofii isaa Daawititti uffise. Qomee sibiilaa itti uffisee gonfoo naasii mataa isaatti kaaʼeef.
1SA 17:39 Daawitis sababii duraan itti fayyadamee hin beekneef uffata Saaʼol irratti goraadee hidhatee asii fi achi deemuu yaale. Innis Saaʼoliin, “Ani waanan duraan itti fayyadamee hin beekneef hidhadhee deemuu hin dandaʼu” jedhe. Kanaafuu of irraa baase.
1SA 17:40 Ergasii ulee isaa harkatti qabatee dhagaa soofamaa shan lagaa filatee kiisii korojoo tikseetti naqate; furrisa isaas harkatti qabatee gara Filisxeemichaatti dhiʼaate.
1SA 17:41 Namichi Filisxeem sunis namicha miʼa lolaa isaaf baatu of dura qajeelchee Daawititti dhiʼaate.
1SA 17:42 Innis Daawitin ilaalee akka inni mucaa diimaa miidhagaa taʼe hubatee isa tuffate.
1SA 17:43 Filisxeemichis, “Kan ati ulee qabattee natti dhuftu ani sareedhaa?” jedhee waaqota ofii isaatiin Daawitin abaare.
1SA 17:44 Akkasumas, “As kottu; ani foon kee allaattii samiitii fi bineensota bosonaatiif nan kennaa!” jedheen.
1SA 17:45 Kana irratti Daawit Filisxeemichaan akkana jedhe; “Ati kunoo goraadee, eeboo fi bodee qabatee natti dhufta; ani garuu maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu, Waaqa loltoota Israaʼel kan ati doorsifte sanaatiin sittin dhufa.
1SA 17:46 Harʼa Waaqayyo dabarsee harka kootti si kenna; anis si ajjeesee mataa kee sirraan kuta. Ani harʼa reeffa Filisxeemotaa allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; addunyaan hundis akka Israaʼel keessa Waaqni jiru ni beeka.
1SA 17:47 Namoonni asitti walitti qabaman hundi akka Waaqayyo goraadee fi eeboodhaan nama hin baafne ni baru; sababii lolli kun kan Waaqayyoo taʼeef inni dabarsee harka keenyatti isin kenna.”
1SA 17:48 Yommuu Filisxeemichi isa dhaʼuuf dhufettis Daawit isa loluuf fiigee adda waraanaa seene.
1SA 17:49 Harka isaas korojoo isaa keessa kaaʼee dhagaa tokko fudhatee furrisaan darbatee adda Filisxeemichaa dhaʼe. Dhagaan sunis adda isaa keessa bade; Filisxeemichis addaan lafatti gombifame.
1SA 17:50 Daawit akkasiin furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha moʼate; Daawit utuma goraadee of harkaa hin qabaatin Filisxeemicha dhaʼee ajjeese.
1SA 17:51 Daawit fiigee Filisxeemicha irra ejjete. Goraadee Filisxeemichaas manʼee keessaa luqqisee baafate. Erga isa ajjeesee booddees goraadee sanaan mataa isaa irraa kute. Filisxeemonni yommuu akka goonni isaanii duʼe arganitti of irra garagalanii baqatan.
1SA 17:52 Ergasii namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihuudaa kaʼanii dhaadachaa hamma balbala Gaatii fi karra Eqroonitti Filisxeemota ariʼan. Reeffi Filisxeemotaas karaa Shaʼarayiimitti geessu irratti hamma Gaatii fi Eqroonitti harcaʼe.
1SA 17:53 Israaʼeloonni yommuu Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼanitti qubata isaanii saaman.
1SA 17:54 Daawitis mataa Filisxeemichaa fudhatee gara Yerusaalemitti fide; miʼa lolaa Filisxeemichaas dunkaana ofii isaatti galfate.
1SA 17:55 Saaʼol yommuu akka Daawit Filisxeemicha loluuf deemu argetti, Abneer ajajaa waraana Israaʼeliin, “Abneer, gurbaan kun ilma eenyuu ti?” jedhe. Abneeris, “Yaa Mootii, duʼa kee ti ani hin beeku” jedhee deebise.
1SA 17:56 Mootichis, “Egaa akka gurbaan kun ilma eenyuu taʼe iyyaafadhuuttii bira gaʼi” jedheen.
1SA 17:57 Akkuma Daawit Filisxeemicha ajjeesee deebiʼeen, Abneer Daawitii mataa Filisxeemichaa harkatti qabatee jiru fuula Saaʼol duratti dhiʼeesse.
1SA 17:58 Saaʼolis, “Gurbayyoo ati ilma eenyuu ti?” jedhee gaafate. Daawit immoo, “Ani ilma garbicha keetii ilma Isseeyi namicha Beetlihem sanaa ti” jedhee deebise.
1SA 18:1 Erga Daawit Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawititti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate.
1SA 18:2 Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawitin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef.
1SA 18:3 Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawit wajjin kakuu seene.
1SA 18:4 Yoonaataanis qoloo uffatee ture of irraa baasee kittaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaatii fi sabbata isaa dabalee Daawitiif kenne.
1SA 18:5 Daawit iddoo Saaʼol itti isa erge hunda dhaqee ni milkaaʼa ture. Saaʼolis namoota waraanaa irratti isa sadarkaa ol aanaa kenneef. Wanni kunis saba hundaa fi tajaajiltoota Saaʼol hunda gammachiise.
1SA 18:6 Dubartoonnis erga Daawit Filisxeemicha ajjeesee booddee yommuu namoonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼanitti magaalaawwan Israaʼel hunda keessaa masiinqoo fi dibbee qabatanii faarfannaa gammachuutiin faarfachaa fi shuubbisaa Saaʼol mooticha simachuuf baʼan.
1SA 18:7 Dubartoonni sunis wal jalaa qabanii: “Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatamaa ajjeese” jedhanii faarfatan.
1SA 18:8 Saaʼol akka malee aare; jechi kunis isa hin gammachiifne. Innis, “Isaan Daawitiif kuma kumaatama kennan; anaaf garuu kumaatama qofa kennan. Mootummaa fudhachuu malee maaltu isa hafe?” jedhee yaade.
1SA 18:9 Gaafasii jalqabee Saaʼol ija hinaaffaatiin Daawitin ilaala ture.
1SA 18:10 Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Waaqa biraa humnaan Saaʼolitti dhufe. Innis mana isaa keessatti raajii dubbachaa ture; Daawit immoo akkuma duraan godhu sana baganaa taphachaa ture. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee ture;
1SA 18:11 innis, “Ani Daawitin keenyanittan hodha” jedhee waan yaadeef eeboo itti darbate. Daawit garuu yeroo lama isa duraa miliqe.
1SA 18:12 Saaʼolis Daawitin sodaate; Waaqayyo Saaʼolin dhiisee Daawit wajjin tureetii.
1SA 18:13 Kanaafuu Saaʼol Daawitin fuula ofii isaa duraa fageessee ajajaa kumaa isa godhe; Daawitis loltoota hoogganee ni baʼa; ni galas ture.
1SA 18:14 Sababii Waaqayyo isa wajjin tureef inni waan hojjetu hundumaan ni milkaaʼa ture.
1SA 18:15 Saaʼolis yeroo akka inni milkaaʼe argetti isa ni sodaate.
1SA 18:16 Israaʼelii fi Yihuudaan hundi garuu Daawitin ni jaallatan; inni fuula isaanii dura ni baʼa; ni galas tureetii.
1SA 18:17 Saaʼolis Daawitiin, “Meerab intalli koo hangafti kunoo ti; ati jagnummaan lola Waaqayyoo loli malee ani ishee sitti nan heerumsiisa” jedhe. Saaʼol, “Harki Filisxeemotaa isa irratti haa kaʼu malee ani harka koo isa irratti hin kaasu” jedhee yaadaa tureetii.
1SA 18:18 Daawit garuu Saaʼoliin, “Soddaa mootii taʼuuf ani eenyu? Maatiin koo yookaan gosti abbaa koo Israaʼel keessatti maali?” jedhe.
1SA 18:19 Kanaafuu yommuu yeroon itti Meerab intalli Saaʼol Daawititti heerumtu dhiʼaatetti isheen Adriiʼeel nama biyya Mehoolaatitti heerumte.
1SA 18:20 Miikaal intalli Saaʼolis Daawitin jaallattee turte; Saaʼolis yeroo waaʼee kanaa dhagaʼetti ni gammade.
1SA 18:21 Innis, “Akka isheen kiyyoo isatti taatuu fi akka harki Filisxeemotaa isa argatuuf ani ishee isatti nan heerumsiisa” jedhee yaade. Kanaafuu Saaʼol Daawitiin, “Ati amma soddaa koo taʼuuf carraa lammaffaa qabda” jedhe.
1SA 18:22 Ergasiis Saaʼol, “ ‘Kunoo mootiin sitti gammada; tajaajiltoonni isaa hundinuus si jaallatu; ati amma soddaa isaa taʼi’ jedhaatii dhoksaadhaan Daawititti himaa” jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.
1SA 18:23 Isaanis irra deebiʼanii waan kana Daawititti himan; Daawit garuu, “Soddaa mootii taʼuun waanuma salphaa seetanii? Ani hiyyeessa; nama hamma kanatti beekamus miti” jedhe.
1SA 18:24 Tajaajiltoonni Saaʼol waan Daawit jedhe isatti himan;
1SA 18:25 Saaʼol immoo, “ ‘Mootichi diinota isaa haaloo baʼuuf misaa Filisxeemotaa dhibba tokko malee gabbara biraa tokko illee sirraa hin barbaadu’ jedhaatii Daawititti himaa” jedhe. Karoorri Saaʼol akka Daawit harka Filisxeemotaatti kufu ture.
1SA 18:26 Yommuu tajaajiltoonni sun waan kana Daawititti himanitti, Daawit soddaa mootii taʼuuf ni gammade. Kanaafuu utuu yeroon isaa hin gaʼin,
1SA 18:27 Daawitii fi namoonni isaa dhaqanii Filisxeemota dhibba lama ajjeesan. Daawitis soddaa mootii taʼuuf jedhee misaa Filisxeemota ajjeefamanii hunda fidee mootichatti kenne. Kana irratti Saaʼol intala isaa Miikaalin isatti heerumsiise.
1SA 18:28 Saaʼol yommuu akka Waaqayyo Daawit wajjin jiruu fi akka Miikaal isa jaallate hubatetti,
1SA 18:29 ammas akka malee isa sodaate; bara jireenya isaa kan hafe hundas diina isaa taʼee jiraate.
1SA 18:30 Ajajjoonni waraana Filisxeemotaas yeroo hedduu waraanaaf ni baʼu turan; yeroo isaan waraanaaf baʼan hundas Daawit qondaaltota Saaʼol kaan caalaa moʼannaa argata ture; maqaan isaas baayʼee beekame.
1SA 19:1 Saaʼol ilma isaa Yoonaataanii fi tajaajiltoota hunda akka isaan Daawitin ajjeesan ajaje. Yoonaataan garuu akka malee Daawitin jaallata ture;
1SA 19:2 akkana jedhees isa akeekkachiise; “Saaʼol abbaan koo karaa ittiin si ajjeesu barbaadachaa jira. Bori ganama of eeggadhu; dhokadhuutii achuma turi.
1SA 19:3 Anis gad baʼee abbaa koo wajjin dirree ati jirtu irra nan dhaabadha. Waaʼee kees isa wajjin haasaʼee waan inni jedhe sitti hima.”
1SA 19:4 Yoonaataanis akkana jedhee abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit waan gaarii dubbate; “Mootichi tajaajilaa isaa Daawititti yakka hin hojjetin; inni homaa si hin goone; wanni inni hojjetes faayidaa guddaa siif argamsiiseera.
1SA 19:5 Daawit lubbuu ofii isaatiif yaaduu dhiisee Filisxeemicha ajjeese. Waaqayyos Israaʼel hundaaf moʼannaa guddaa kenne; atis waan kana argitee gammaddeerta. Yoos ati maaliif sababii malee isa ajjeesuudhaan nama yakka hin qabne kan akka Daawititti yakka hojjetta ree?”
1SA 19:6 Saaʼolis Yoonaataanin dhaggeeffatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Daawit hin ajjeefamu” jedhee kakate.
1SA 19:7 Kanaafuu Yoonaataan Daawitin waamee waan kana hunda itti hime. Saaʼolittis isa fide; Daawitis akkuma duriitti Saaʼol dura dhaabate.
1SA 19:8 Ammas lolli ni kaʼe; Daawitis dhaqee Filisxeemota lole. Innis humna guddaan isaan dhaʼe; isaanis isa duraa baqatan.
1SA 19:9 Garuu utuu Saaʼol eeboo harkatti qabatee mana isaa taaʼuu hafuuri hamaan Waaqayyo biraa isatti dhufe. Utuu Daawit baganaa taphachaa jiruu,
1SA 19:10 Saaʼol eeboodhaan Daawitin keenyanitti hodhuu yaale; Daawit garuu duraa miliqe; Saaʼolis eeboo sana keenyanitti fixe. Daawitis halkan sana baqatee jalaa baʼe.
1SA 19:11 Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawititti namoota erge. Miikaal niitiin Daawit garuu, “Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta” jettee akeekkachiifte.
1SA 19:12 Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawitin gad buufte; innis baqatee miliqe.
1SA 19:13 Ergasii Miikaal fakkii Waaqa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef.
1SA 19:14 Yeroo Saaʼol Daawitin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, “Inni dhukkubsateera” jette.
1SA 19:15 Saaʼol akka isaan Daawitin ilaalaniif deebisee namoota ergee, “Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa” isaaniin jedhe.
1SA 19:16 Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin Waaqa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame.
1SA 19:17 Saaʼolis Miikaaliin, “Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?” jedhe. Miikaalis, “Isatu, ‘Jalaa na miliqsi; yoo kanaa achii ani sin ajjeesaa’ naan jedhe” jetteen.
1SA 19:18 Daawitis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan.
1SA 19:19 Saaʼolittis, “Kunoo Daawit Naayot ishee Raamaa keessatti argamtu keessa jira” jedhanii himan.
1SA 19:20 Kanaafuu inni akka isa qabaniif namoota itti erge. Isaan garuu yeroo garee raajota raajii dubbatanii kan Saamuʼeel hoogganaa isaanii taʼee achi dhaabachaa ture tokko arganitti Hafuurri Waaqaa namoota Saaʼol irra buʼee isaanis akkasuma raajii dubbatan.
1SA 19:21 Saaʼol yommuu waan kana dhagaʼetti namoota biraa erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. Saaʼol ammas yeroo sadaffaaf namoota erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan.
1SA 19:22 Dhuma irratti inni ofuma isaatii kaʼee Raamaa dhaqe; boolla bishaanii guddaa Seekuutti argamu bira gaʼee, “Saamuʼeelii fi Daawit eessa jiru?” jedhee gaafate. Namni tokkos, “Isaan Naayot ishee Raamaa keessa jirtu keessa jiru” jedheen.
1SA 19:23 Kanaafuu Saaʼol gara Naayot ishee Raamaa keessa jirtu sanaa dhaqe. Garuu Hafuurri Waaqaa isaa irra buʼe; innis hamma Nawaat gaʼutti raajii dubbachaa deeme.
1SA 19:24 Wayyaa isaas of irraa baasee fuula Saamuʼeel duratti raajii dubbate. Innis halkanii fi guyyaa sana guutuu qullaa isaa ciise. Sababiin namoonni, “Saaʼolis raajota keessaa tokkoodhaa?” jedhaniif kanuma.
1SA 20:1 Daawitis Naayot ishee Raamaa keessatti argamtuu baqatee Yoonaataan bira deemee, “Ani maalin godhe? Yakki koos maali? Cubbuun ani fuula abbaa keetii duratti hojjedhee inni na ajjeesuu barbaaduuf kami?” jedhee gaafate.
1SA 20:2 Yoonaataanis deebisee, “Kun gonkumaa hin taʼu; ati hin ajjeefamtu! Abbaan koo waan xinnaas taʼu waan guddaa utuu na wajjin hin mariʼatin hin hojjetu. Yoos abbaan koo akkam waan kana na dhoksa ree? Wanni kun akkas miti!” jedhe.
1SA 20:3 Daawit garuu akkana jedhee kakate; “Akka ani fuula kee duratti fudhatama argadhe abbaan kee sirriitti beeka; kanaafuu inni, ‘Yoonaataan waan gadduuf akka waan kana beeku hin godhinaa’ jedheera. Garuu dhugaa Waaqayyo jiraataa ti; duʼa kee ti; anaa fi duʼa giddu tarkaanfii tokko qofatu jira.”
1SA 20:4 Yoonaataanis Daawitiin, “Waan ati akka ani siif godhu barbaaddu hunda siifin godha” jedhe.
1SA 20:5 Kanaafuu Daawit akkana jedhe; “Bor Ayyaana Baatii ti; anis mootii wajjin maaddiitti dhiʼaachuun qaba; garuu akka ani dhaqee hamma galgala iftaaniitti ala dhokadhu naa eeyyami.
1SA 20:6 Yoo abbaan kee na barbaadee na dhabe, ‘Daawit waan aarsaan waggaa sababii maatii isaa guutuutiif achitti dhiʼeeffamaa jiruuf akka ariitiidhaan gara Beetlihem magaalaa ofii isaa dhaquuf cimsee eeyyama na gaafatee jira’ jedhiin.
1SA 20:7 Yoo inni, ‘Haa taʼu’ jedhe, garbichi kee ooleera; yoo inni aare garuu akka inni hammina natti yaade hubachuu dandeessa.
1SA 20:8 Ati garuu garbicha keetiif garaa laafi. Atii fi garbichi kee fuula Waaqayyoo duratti kakuu galtaniirtuutii. Yoo ani yakka qabaadhe atuu na ajjeesi! Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?”
1SA 20:9 Yoonaataanis, “Wanni kun sirraa haa fagaatu! Ani utuu akka abbaan koo si miidhuu barbaade beekee silaa sitti hin himun turee?” jedhe.
1SA 20:10 Daawitis, “Yoo abbaan kee dheekkamsaan siif deebise eenyutu natti hima?” jedhee gaafate.
1SA 20:11 Yoonaataan, “Kottu alatti baanaa” jedhe. Kanaafuu isaan lamaanuu walii wajjin deeman.
1SA 20:12 Kana irratti Yoonaataan Daawitiin akkana jedhe; “Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin nan kakadha; dhugumaan iftaan yoona yaada abbaa koo nan ilaala! Yoo inni yaada tolaa siif qabaate ani dhaamsa sitti ergeen si beeksisa.
1SA 20:13 Garuu yoo abbaan koo si miidhuu barbaadee ani immoo si beeksisee nagaadhaan si erguu baadhe, Waaqayyo Yoonaataanin haa adabu; waan caalus itti haa fidu. Waaqayyo akkuma abbaa koo wajjin taʼe sana si wajjinis haa taʼu.
1SA 20:14 Akka ani hin ajjeefamneef ati gara laafina hin geeddaramne kan akka gara laafina Waaqayyoo sana bara jireenya kootii keessa na argisiisi.
1SA 20:15 Yeroo Waaqayyo diinota Daawit lafa irraa barbadeessutti illee gara laafinni kee maatii koo irraa hin citin.”
1SA 20:16 Kanaafuu Yoonaataan, “Waaqayyo diinota Daawit itti gaafatamtoota haa godhu” jedhee mana Daawit wajjin kakuu seene.
1SA 20:17 Yoonaataan sababii akkuma lubbuu ofii isaatti Daawitin jaallateef akka inni amma illee isaaf kakatu godhe.
1SA 20:18 Yoonaataanis Daawitiin akkana jedhe: “Bori Guyyaa Ayyaana Baatii ti. Sababii iddoon ati teessu sun duwwaa taʼuuf akka ati hin jirre ni beekama.
1SA 20:19 Iftaan galgala iddoo yeroo rakkinni kun jalqabetti itti dhokatte sana dhaqiitii dhagaa Ezeel bira turi.
1SA 20:20 Ani akka nama waan tokkotti xiyyeeffatee darbatuutti xiyya sadii naannoo dhagaa sanaatti nan darbadha.
1SA 20:21 Ergasiis gurbaa tokko ergee, ‘Dhaqiitii xiyya barbaadi’ nan jedha. Yoo ani, ‘Ilaa, xiyyi siin garana jira; as fidi’ jedheen, dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati homaa hin taatuutii kottu; balaan tokko iyyuu hin jiru.
1SA 20:22 Yoo ani gurbichaan, ‘Ilaa, xiyyi siin garas jira’ jedhe garuu waan Waaqayyo akka ati deemtu barbaadeef deemuu qabda.
1SA 20:23 Waaʼee waan anaa fi ati mariʼanne sanaa akka Waaqayyo bara baraan anaa fi si gidduutti dhuga baʼaa taʼe yaadadhu.”
1SA 20:24 Kanaafuu Daawit ala dhokate; yeroo Guyyaan Ayyaana Baatii gaʼettis mootichi waa nyaachuuf taaʼe.
1SA 20:25 Innis akkuma amala isaa keenyan manaa bira taaʼe; Yoonaataan fuullee isaa, Abneer immoo Saaʼol cina taaʼe; iddoon Daawit garuu duwwaa ture.
1SA 20:26 Saaʼol gaafas homaa hin dubbanne; inni, “Wanni akka seeraatti isa xureessu tokko Daawititti dhufuu hin oolu; inni dhugumaanuu xuraaʼaa dha” jedhee yaadaa tureetii.
1SA 20:27 Garuu guyyaa itti aanu jechuunis jiʼa sana keessaa guyyaa lammaffaatti iddoon Daawit ammas duwwaa ture. Kana irratti Saaʼol ilma isaa Yoonaataaniin, “Ilmi Isseey sun maaliif kaleessas harʼas nyaataaf hin dhufin?” jedhe.
1SA 20:28 Yoonaataanis akkana jedhee deebise; “Daawit gara Beetlihem deemuuf jedhee jabeessee eeyyama na gaafate.
1SA 20:29 Innis, ‘Sababii maatiin keenya magaalaa sana keessatti aarsaa dhiʼeessaa jiruu fi sababii obboleessi koo akka ani achitti argamuuf na ajajeef nan dhaqa. Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe akka ani obboloota koo ilaaluu dhaquuf naa eeyyami’ jedhe. Wanni inni utuu maaddii mootichaatti hin dhiʼaatin hafeefis kanuma.”
1SA 20:30 Saaʼolis akka malee Yoonaataanitti aaree akkana jedheen; “Ati yaa ilma dubartii micciiramtuu fi finciltuu sanaa! Akka ati ilma Isseey kan siʼii fi haadha si deesseef qaanii taʼe sanaaf tumsite ani hin beekuu?
1SA 20:31 Hamma ilmi Isseey lafa irra jirutti atis mootummaan kees jabaattanii hin dhaabattan. Kanaafuu amma nama itti ergiitii gara koo fichisiisi; inni duʼuu qabaatii!”
1SA 20:32 Yoonaataanis, “Inni maaliif ajjeefama? Maali godhe?” jedhee abbaa isaa Saaʼolin gaafate.
1SA 20:33 Saaʼol garuu isa ajjeesuudhaaf eeboo itti darbate. Kanaafuu Yoonaataan akka abbaan isaa Daawitin ajjeesuuf kutate beeke.
1SA 20:34 Yoonaataanis akka malee aaree maaddii irraa kaʼe; innis sababii hojii qaanii kan abbaan isaa Daawititti hojjete sanaan gaddeef bultii lammaffaa jiʼa sanaatti homaa hin nyaanne.
1SA 20:35 Yoonaataan ganama barii Daawitin wal arguuf gad baʼe. Gurbaan xinnaan tokkos isa wajjin ture.
1SA 20:36 Innis gurbaa sanaan, “Fiigiitii xiyya ani darbadhu sana barbaadi” jedhe. Akkuma gurbaan sun fiigeen Yoonaataan isa duubaan xiyya darbate.
1SA 20:37 Yeroo gurbichi iddoo xiyyi Yoonaataan buʼe sana gaʼetti, Yoonaataan isa waamee, “Xiyyi siin achi jira mitii?” jedhe.
1SA 20:38 Ergasiis, “Ariifadhu! Dafiitii deemi! Hin dhaabatin!” jedhee itti iyye; gurbichis xiyya sana fuudhee gara gooftaa isaatti deebiʼe.
1SA 20:39 Gurbaan sun waaʼee waan kana hundaa waan tokko illee hin beekne; Yoonaataanii fi Daawit qofatu beeka ture.
1SA 20:40 Ergasiis Yoonaataan miʼa isaa kan lolaa gurbichatti kennee, “Fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi” jedheen.
1SA 20:41 Erga gurbichi deemee booddee Daawit karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawit garuu caalaa booʼe.
1SA 20:42 Yoonaataanis Daawitiin, “ ‘Anaa fi si gidduutti, sanyii koo fi sanyii kee gidduutti Waaqayyo bara baraan dhugaa baatuu dha’ waliin jennee akka firummaan keenya jabaatee dhaabatuuf maqaa Waaqayyootiin walii kakanneerraatii nagaan deemi” jedhe. Ergasii Daawit kaʼee qajeele. Yoonaataanis gara magaalaatti deebiʼe.
1SA 21:1 Daawit gara magaalaa Noob Abiimelek lubicha bira dhaqe. Ahiimelekis yeroo isa argetti hollatee, “Ati maaliif kophaa kee deemta? Maaliif namni tokko illee si wajjin hin jirru?” jedhee gaafate.
1SA 21:2 Daawitis Ahiimelek lubichaan akkana jedhe; “Mootichi, ‘Namni tokko iyyuu waaʼee ergama keetiitii fi qajeelfama keetii beekuu hin qabu’ jedhee na ajajeera. Namoota koo immoo akka isaan iddoo tokkotti na eegan itti himeera.
1SA 21:3 Egaa isin maal of harkaa qabdu? Buddeena shan yookaan waanuma argachuu dandeessan naa kennaa.”
1SA 21:4 Lubichi garuu Daawitiin, “Ani buddeena namni kam iyyuu nyaachuu dandaʼu asii hin qabu; taʼus buddeenni qulqullaaʼaan namoonni dubartii bira hin gaʼin qofti nyaachuu dandaʼan as jira” jedhe.
1SA 21:5 Daawitis, “Dhugumaan akkuma yeroo ani baʼu hunda taʼaa ture sana dubartoonni nurraa dhowwamaniiru. Ergama qulqulluu hin taʼin irratti iyyuu miʼi dargaggootaa qulqulluu dha. Harʼa immoo hammam caalaatti haa qulqullaaʼuu ree!” jedhee deebise.
1SA 21:6 Kanaafuu lubichi buddeena qulqulleeffame sana isaaf kenne; buddeena ilaalchaa kan gaafas buddeena hoʼaadhaan iddoo buufamuuf fuula Waaqayyoo duraa fuudhame sana malee buddeenni biraa achi hin turreetii.
1SA 21:7 Gaafasis tajaajiltoota Saaʼol keessaa tokko akka fuula Waaqayyoo dura turu dirqisiifamee ture; innis Dooʼeeg namicha Edoom, itti gaafatamaa tiksee Saaʼol ture.
1SA 21:8 Daawitis, “Ati eeboo yookaan goraadee asii hin qabduu? Ani sababii hojiin mootichaa ariifachiisaa taʼeef goraadee yookaan miʼa lolaa tokko illee hin fidannee?” jedhee Ahiimelekin gaafate.
1SA 21:9 Lubichis deebisee akkana jedhe; “Goraadeen Gooliyaad Filisxeemichaa kan ati Sulula Eelaa keessatti ajjeefte sanaa as jira; innis huccuudhaan maramee dirataan duuba jira. Yoo barbaadde fudhadhu; isa malee goraadeen biraa as hin jiru” jedheen. Daawitis, “Kan akka isaa hin jiruutii naa kenni” jedhe.
1SA 21:10 Daawit gaafas Saaʼol duraa baqatee gara Aakiish mooticha Gaati dhaqe.
1SA 21:11 Tajaajiltoonni Aakiish garuu, “Daawit kun mooticha biyyattii mitii?” Inni kan isaan: “ ‘Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’ jedhanii faarfatanii sirbaniif sana mitii?”
1SA 21:12 Daawitis waan kana garaatti qabatee Aakiish mooticha Gaati akka malee sodaate.
1SA 21:13 Kanaafuu fuula isaanii duratti akka waan maraatee taʼe; utuma harka isaanii keessa jiruus cufaa karraa hooqee areeda isaa irra gorora yaasee akka nama maraatee of godhe.
1SA 21:14 Aakiishis tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe; “Mee namicha kana ilaalaa! Inni maraatuu dha! Maaliif gara koo isa fiddan?
1SA 21:15 Akka inni fuula koo duratti akkana taʼuuf isa as fiduun keessan ani nama maraate dhabeetii? Namichi kun mana koo dhufuu qabaa?”
1SA 22:1 Daawit Gaatii kaʼee gara holqa Adulaamitti baqate. Obboloonni isaatii fi maatiin abbaa isaa hundi yeroo waan kana dhagaʼanitti gara isaa dhaqan.
1SA 22:2 Namoonni rakkatan hundi yookaan kanneen gatiin irra jiru hundii fi warri of jibban hundi isa biratti wal gaʼan; innis hoogganaa isaanii taʼe. Namoonni isa wajjin turanis gara dhibba afurii ti.
1SA 22:3 Daawit achii kaʼee Miisphaa ishee biyya Moʼaabitti argamtuu dhaqee mooticha Moʼaabiin, “Hamma ani waan Waaqni naaf godhu beekutti akka abbaan koo fi haati koo dhufanii si bira jiraatan ni eeyyamtaa?” jedhe.
1SA 22:4 Innis mootii Moʼaab biratti isaan dhiise; isaanis yeroo Daawit iddoo daʼannoo keessa turetti mooticha bira jiraatan.
1SA 22:5 Taʼus Gaad raajichi Daawitiin, “Daʼannoo keessa hin turin. Biyya Yihuudaatti gali” jedhe. Kanaafuu Daawit achii baʼee bosona Hereeti seene.
1SA 22:6 Saaʼol akka Daawitii fi namoonni isaa argaman dhagaʼe. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee gaara Gibeʼaa irra muka tamirii jala taaʼaa ture. Qondaaltonni isaa hundinuus isa bira dhaabachaa turan.
1SA 22:7 Saaʼolis akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Beniyaam dhagaʼaa! Dhugumaan ilmi Isseey lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaniif ni kennaa? Hunda keessanis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa ni godhaa?
1SA 22:8 Sababiin isin hundi natti malattaniif kanaa? Yeroo ilmi koo ilma Isseey wajjin kakuu galutti namni tokko iyyuu natti hin himu. Isin keessaa namni tokko iyyuu dhimma koo hin qabu yookaan akka ilmi koo akka inni akkuma harʼa gochaa jiru kana akka tajaajilaan koo riphee na eeggatuuf isa natti kakaasu isin keessaa namni tokko iyyuu natti hin himu.”
1SA 22:9 Garuu Dooʼeeg Edoomichi kan qondaaltota Saaʼol wajjin dhaabachaa ture sun akkana jedhee deebise; “Ani ilma Isseey isaa gara Noob Ahiimelek ilma Ahiixuub bira dhufuu nan arge.
1SA 22:10 Abiimelekis Waaqayyoon isaaf kadhate; akkasumas galaa fi goraadee Gooliyaad Filisxeemichaa kenneef.”
1SA 22:11 Kana irratti mootichi Ahiimelek lubicha ilma Ahiixuubitti nama ergee isaa fi maatii abbaa isaa kanneen Noobitti luboota turan hunda waamsise; isaanis gara mootichaa dhufan.
1SA 22:12 Saaʼolis, “Yaa ilma Ahiixuub dhagaʼi” jedhe. Innis, “Yaa gooftaa, ani kunoo ti” jedhee deebise.
1SA 22:13 Saaʼolis akkana isaan jedhe; “Ati maaliif buddeenaa fi goraadee kenniteefii Waaqa kadhachuufiidhaan akka inni natti fincilee akkuma harʼa gochaa jiru kana riphee na eeggatu isa gootee ilma Isseey wajjin natti malatte?”
1SA 22:14 Ahiimelekis deebisee mootichaan akkana jedhe; “Dhirsi intala mootichaa, ajajaa loltoota si eeganiitii fi namni mana kee keessatti akka malee kabajamu tajaajiltoota kee hunda keessaa amanamaan akka Daawit eenyu?
1SA 22:15 Waaqa isaaf kadhachuun koo harʼa guyyaa jalqabaatii? Miti! Mootichi garbicha kee yookaan maatii abbaa isaa keessaa nama tokko illee yakkamaa hin godhin; garbichi kee waaʼee waan kana hundaa homaa hin beekuutii.”
1SA 22:16 Mootichi garuu, “Yaa Ahiimelek, dhugumaan ati ni duuta; atis, maatiin abbaa keetii hundinuus ni duutu” jedhe.
1SA 22:17 Ergasiis mootichi waardiyyoota isa bira turaniin, “Sababii luboonni Waaqayyoo kunneen Daawitiif tumsaniif, itti garagalaatii isaan fixaa. Isaan akka inni baqachaa ture ni beeku; taʼus natti hin himne” jedhe. Qondaaltonni mootichaa garuu luboota Waaqayyoo dhaʼuudhaaf harka isaanii ol fudhachuu hin feene.
1SA 22:18 Mootichis, “Itti garagaliitii luboota fixi” jedhee Dooʼeeg Edoomicha ajaje. Kanaafuu Dooʼeeg Edoomichi itti garagalee isaan dhaʼe. Inni gaafas luboota dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatan saddeettamii shan fixe.
1SA 22:19 Noob magaalaa lubootaas, dhiirotaa fi dubartoota ishee, ijoollee fi daaʼimman ishee, loon, harrootaa fi hoolota ishee goraadeedhaan barbadeesse.
1SA 22:20 Garuu Abiyaataar ilmi Ahiimelek ilma Ahiixuub sun miliqee gara Daawititti baqate.
1SA 22:21 Innis akka Saaʼol luboota Waaqayyoo fixe Daawititti hime.
1SA 22:22 Daawitis Abiyaataariin akkana jedhe; “Ani gaafas yeroo Dooʼeeg Edoomichi achi turetti akka inni dhugumaan Saaʼolitti odeessu beekeera. Badiisa maatii abbaa keetii hundaaf anatu gaafatama.
1SA 22:23 Ana wajjin turi; hin sodaatin; namni lubbuu kee barbaadu, lubbuu koos ni barbaada. Ati na wajjin nagumaan jiraatta.”
1SA 23:1 Daawit yommuu, “Kunoo, Filisxeemonni Qeyiilaatti waraana bananii oobdii saamaa jiru” jedhanii itti himanitti,
1SA 23:2 “Ani dhaqee Filisxeemota kanneen waraanuu?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Dhaqii Filisxeemota waraaniitii Qeyiilaa baraar” jedhee deebiseef.
1SA 23:3 Namoonni Daawit garuu, “Nu as Yihuudaa keessatti iyyuu sodaachaa jirra. Yoo loltoota Filisxeemotaa waraanuuf Qeyiilaa dhaqne immoo hammam haa sodaannu!” jedhaniin.
1SA 23:4 Daawit ammas deebiʼee Waaqayyoon gaafate; Waaqayyos, “Qeyiilaatti gad buʼi; ani Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
1SA 23:5 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa Qeyiilaa dhaqanii Filisxeemota waraananii horii isaanii boojiʼan. Daawitis miidhaa guddaa Filisxeemotatti fidee akkasiin saba Qeyiilaa baraare.
1SA 23:6 Abiyaataar ilmi Ahiimelek sunis yeroo gara Qeyiilaa gara Daawititti baqatetti dirata fudhatee dhufe.
1SA 23:7 Akka Daawit Qeyiilaa dhaqe Saaʼolitti himan; innis, “Waan Daawit magaalaa karraa fi danqaraa qabdu keessa seenuudhaan ofitti cufeef Waaqni isa dabarsee natti kenneera” jedhe.
1SA 23:8 Saaʼolis akka isaan Qeyiilaatti gad buʼanii Daawitii fi namoota isaa marsaniif jedhee loltoota isaa hunda duulaaf walitti waammate.
1SA 23:9 Daawitis yeroo akka Saaʼol hammina isatti yaade beeketti Abiyaataar lubichaan, “Dirata sana as fidi” jedhe.
1SA 23:10 Ergasiis Daawit akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel akka Saaʼol gara Qeyiilaa dhufee sababii kootiif jedhee magaalattii barbadeessuuf karoorfate garbichi kee dhugumaan dhagaʼeera.
1SA 23:11 Jiraattonni Qeyiilaa isatti dabarsanii na kennuu? Akkuma garbichi kee dhagaʼe sana Saaʼol ni dhufaa? Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel mee garbicha keetti himi.” Waaqayyos, “Eeyyee inni ni dhufa” jedhe.
1SA 23:12 Daawit ammas, “Jiraattonni Qeyiilaa anaa fi namoota koo dabarsanii Saaʼolitti ni kennuu?” jedhee gaafate. Waaqayyos, “Eeyyee isin kennu” jedhe.
1SA 23:13 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa kanneen gara dhibba jaʼa taʼan Qeyiilaadhaa kaʼanii gara dhaquu dandaʼan hunda dhaqan. Saaʼolis yommuu akka Daawit Qeyiilaa keessaa baqate dhagaʼetti achi hin dhaqne.
1SA 23:14 Daawitis daʼannoowwan gammoojjii keessaatii fi gaarran Gammoojjii Ziif keessa ture. Saaʼolis guyyuma guyyaan isa barbaadaa ture; Waaqni garuu dabarsee harka isaatti Daawitin hin kennine.
1SA 23:15 Daawit utuu Gammoojjii Ziif keessa iddoo Hooreshaa jedhamu tokko jiruu akka Saaʼol isa ajjeesuuf dhufe beeke.
1SA 23:16 Yoonaataan ilmi Saaʼolis Daawit bira Hooreshaa dhaqe; maqaa Waaqaatiinis isa jajjabeesse.
1SA 23:17 Innis, “Hin sodaatin; abbaan koo Saaʼol harkumaanuu si hin tuqu. Ati mootii Israaʼel taata; ani immoo itti aanaa kee nan taʼa. Abbaan koo Saaʼol iyyuu waan kana ni beeka” jedheen.
1SA 23:18 Isaan lamaanuu fuula Waaqayyoo duratti kakuu walii galan. Ergasii Yoonaataan mana ofii isaatti gale; Daawit immoo Hooreshaatti hafe.
1SA 23:19 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa gara Saaʼol dhaqanii akkana jedhan; “Daawit kibba Yasemooniin gaara Hakiilaa irra daʼannoowwan Hooreshaa keessa dhokatee gidduu keenya jira mitii?
1SA 23:20 Yaa mootii, ati gaafa dhufuu feete kottu; nu isa dabarsinee sitti ni kennina.”
1SA 23:21 Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Waan isin naa yaaddaniif Waaqayyo isin haa eebbisu.
1SA 23:22 Dhaqaatii ittuma fufaa qophaaʼaa. Iddoo Daawit yeroo baayʼee dhaquu fi nama achitti isa argu illee hubadhaa. Akka inni nama daba hojjetu taʼe natti himaniiru.
1SA 23:23 Iddoo inni itti dhokatu hundumaa barbaadaatii oduu mirkanaaʼaa fidaa kottaa. Ergasii ani isin wajjin nan deema; yoo inni naannoo sana jiraate ani kumaatama Yihuudaa hunda keessaa barbaadee isa nan arga.”
1SA 23:24 Kanaafuu isaan kaʼanii Saaʼol dursanii Ziif dhaqan. Daawitii fi namoonni isaa gama kibba Yasemooniin Gammoojjii Maaʼoon kan Arabbaatti argamtu keessa turan.
1SA 23:25 Saaʼolii fi namoonni isaa Daawitin barbaaduu jalqaban; Daawitis yommuu waan kana itti himanitti gara kattaatti gad buʼee Gammoojjii Maaʼoon keessa ture. Saaʼolis yeroo waan kana dhagaʼetti Daawitin ariʼuuf Gammoojjii Maaʼoon seene.
1SA 23:26 Saaʼol gaara gubbaa karaa tokkoon deemaa ture; Daawitii fi namoonni isaa immoo Saaʼol duraa baqachuuf jedhanii ariifachaa tulluu sana irra karaa kaaniin deeman. Yeroo Saaʼolii fi namoonni isaa itti dhiʼaatanii Daawitii fi namoota isaa qabachuu gaʼanitti,
1SA 23:27 ergamaan tokko gara Saaʼol dhufee, “Dafiitii kottu! Filisxeemonni biyyattii weeraranii jiruutii” jedhe.
1SA 23:28 Saaʼolis Daawitin ariʼuu dhiisee Filisxeemotatti gara gale. Kanaafuu iddoon sun, “Kattaa gargar baʼumsaa” jedhame.
1SA 23:29 Daawitis achii deemee daʼannoowwan Een Gaadii keessa jiraate.
1SA 24:1 Erga Saaʼol Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼee booddee, “Daawit Gammoojjii Een Gaad keessa jira” jedhanii isatti himan.
1SA 24:2 Kana irratti Saaʼol guutummaa Israaʼel keessaa namoota filatamoo kuma sadii fudhatee Daawitii fi namoota isaa barbaacha gara Kattaa Reʼoota diidaa dhaqe.
1SA 24:3 Saaʼolis gara dallaa hoolotaa kan karaa cinaa sanaa dhufe; holqa tokkotu achi ture; Saaʼolis gad taaʼuuf achi seene. Daawitii fi namoonni isaas holquma sana keessa achi fagaatanii turan.
1SA 24:4 Namoonni Daawitis, “Guyyaan Waaqayyo, ‘Ani akka ati akkuma feete isa gootuuf diina kee dabarsee harka keetti nan kenna’ jedhee waaʼee isaa sitti hime sun harʼa” isaan jedhan. Daawitis lafa irra looʼee utuu hin beekamin fiixee wayyaa Saaʼol irraa kute.
1SA 24:5 Kana booddee Daawit waan fiixee wayyaa Saaʼol kuteef ni gaabbe.
1SA 24:6 Namoota isaatiinis, “Gooftaa koo kan Waaqayyo dibetti waan akkasii gochuu yookaan harka koo isatti ol kaafachuu irraa Waaqayyo na haa oolchu; inni dibamaa Waaqayyootii” jedhe.
1SA 24:7 Daawitis dubbii kanaan namoota isaa ifatee akka isaan Saaʼolin hin tuqne godhe. Saaʼolis holqa sana keessaa baʼee qajeele.
1SA 24:8 Ergasii Daawit holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo mootii!” jedhee Saaʼolin waame. Yeroo Saaʼol of irra garagalee ilaaletti Daawit gad jedhee, addaan lafatti gombifamee sagade.
1SA 24:9 Innis Saaʼoliin akkana jedhe; “Ati maaliif dubbii namoonni, ‘Daawit si miidhuu barbaada’ jedhan dhageessa?
1SA 24:10 Akka Waaqayyo holqa kana keessatti dabarsee harka kootti si kenne harʼa ijuma keetiin argiteerta. Namoonni tokko tokko akka ani si ajjeesu na gorsan; ani garuu si ajjeesuu nan dide; anis, ‘Sababii inni dibamaa Waaqayyoo taʼeef, ani gooftaa kootti harka koo ol hin fudhadhun’ jedhe.
1SA 24:11 Yaa abbaa ko, kunoo fiixee wayyaa keetii harka koo keessatti ilaali! Ani fiixee wayyaa keetii nan kute; garuu si hin ajjeefne. Egaa akka ani yakka hin qabnee fi fincilaa hin taʼin hubadhu. Ani homaa si hin goone; ati garuu na ajjeesuuf na adamsaa jirta.
1SA 24:12 Waaqayyo siʼii fi ana gidduutti murtii haa kennu. Yakka ati natti hojjette Waaqayyo haaloo haa baasu; ani garuu harka kootiinuu si hin tuqu.
1SA 24:13 Akkuma mammaaksi durii, ‘Namoota hamoo irraa waan hamaatu dhufa’ jedhu sana harki koo si hin tuqu.
1SA 24:14 “Mootiin Israaʼel eenyun adamsuuf gad baʼee? Ati eenyuun ariʼaa jirta? Saree duutee? Tafkiidhaa?
1SA 24:15 Waaqayyo abbaa murtii nuuf taʼee gidduu keenyatti haa murteessu. Inni dubbii koo ilaalee naaf haa falmu; harka kee jalaas na haa baasu.”
1SA 24:16 Yeroo Daawit waan kana dubbatee xumuretti Saaʼol, “Daawit yaa ilma ko, kun sagalee keetii?” jedhee gaafate; sagalee ol fudhatees booʼe.
1SA 24:17 Innis akkana jedhe; “Ati na caalaa nama qajeelaa dha; yeroo ani waan hamaa sitti yaadetti ati immoo waan gaarii naa goote.
1SA 24:18 Ati waan gaarii naaf goote amma natti himteerta; Waaqayyo dabarsee harka keetti na kennee ture; ati garuu na hin ajjeefne.
1SA 24:19 Namni tokko yeroo diina isaa argutti utuu hin miidhin gad dhiisaa? Waan ati harʼa naa goote kanaaf Waaqayyo gatii siif haa kennu.
1SA 24:20 Akka ati dhugumaan mootii taatuu fi akka mootummaan Israaʼel harka keetti jabaatee dhaabatu anuu beeka.
1SA 24:21 Ati akka sanyii koo hin balleessine yookaan akka maqaa koos maatii abbaa koo keessaa hin balleessine amma maqaa Waaqayyootiin naaf kakadhu.”
1SA 24:22 Kana irratti Daawit Saaʼoliif kakate. Ergasii Saaʼol manatti gale; Daawitii fi namoonni isaa garuu daʼannootti deebiʼan.
1SA 25:1 Saamuʼeel ni duʼe; sabni Israaʼel hundi wal gaʼee isaaf booʼe; mana isaa kan Raamaa jirutti isa awwaalan. Kana irratti Daawit achii kaʼee gara Gammoojjii Phaaraanitti gad buʼe.
1SA 25:2 Namni Maaʼoon kan Qarmeloos keessaa qabeenya qabu tokko akka malee sooressa ture. Innis reʼoota kuma tokkoo fi hoolota kuma sadii kanneen Qarmeloositti rifeensa irraa haadatu qaba ture.
1SA 25:3 Maqaan isaa Naabaal, kan niitii isaa immoo Abiigayiilii dha. Isheen dubartii beektuu fi bareedduu turte; dhirsi ishee garuu addaggee fi hamaa ture; gosti isaas gosa Kaaleb.
1SA 25:4 Daawit akka Naabaal Gammoojjii keessatti hoolota isaa irraa rifeensa haaddachaa jiruu ni dhagaʼe.
1SA 25:5 Kanaafuu akkana jedhee dargaggoota kudhan erge; “Naabaal bira gara Qarmeloos dhaqaatii maqaa kootiin nagaa isa gaafadhaa.
1SA 25:6 Akkanas jedhaanii: ‘Bara dheeraa jiraadhu! Nagaan siif haa taʼu; nagaan maatii keetiifis haa taʼu! Waan ati qabdu hundaafis haa taʼu!
1SA 25:7 “ ‘Ani amma akka yeroon kun yeroo itti hoolota irraa rifeensa haadan taʼe dhagaʼeera. Yeroo tiksoonni kee nu wajjin turanitti nu isaan hin miine; yeroo isaan Qarmeloos keessa turan guutuus wanni isaan qaban tokko iyyuu jalaa hin badne.
1SA 25:8 Hojjettoota kee gaafadhu; isaan sitti himuutii. Kanaafuu waan nu yeroo gaarii dhufneef dargaggoota kootiif arjoomi. Maaloo tajaajiltoota keetii fi ilma kee Daawitiif waanuma amma harkaa qabdu kenni.’ ”
1SA 25:9 Namoonni Daawitis yeroo achi gaʼanitti maqaa Daawitiin dhaamsa kana Naabaalitti himanii deebii isaa eeggatan.
1SA 25:10 Naabaalis tajaajiltoota Daawitiif akkana jedhee deebise; “Daawit kun eenyu? Ilmi Isseey kun eenyu? Yeroo ammaa tajaajiltoonni hedduun gooftota isaanii jalaa badaa jiru.
1SA 25:11 Egaa ani maaliifan buddeena koo, bishaan koo fi foon namoota hoolota koo irraa rifeensa haadaniif qale namoota eessaa akka dhufan hin beekamneef kenna?”
1SA 25:12 Namoonni Daawitis of irra garagalanii deebiʼan. Yeroo deebiʼanittis waan hunda isatti himan.
1SA 25:13 Daawitis namoota isaatiin, “Goraadee keessan hidhadhaa!” jedhe. Kanaafuu isaan goraadee isaanii hidhatan; Daawitis goraadee isaa hidhate. Namoonni gara dhibba afur taʼan Daawit wajjin deeman; namoonni dhibbi lama immoo miʼa biratti hafan.
1SA 25:14 Tajaajiltoota keessaa inni tokko akkana jedhee Abiigayiil niitii Naabaalitti hime: “Daawit akka isaan gooftaa keenyaaf nagaa dhiʼeessaniif gammoojjiidhaa ergamoota ergee ture; inni garuu akka malee isaan arrabse.
1SA 25:15 Taʼus namoonni kunneen nuuf baayʼee gaarii turan. Isaan nu hin miine; yeroo isaan wajjin bosona turre hundas wanti tokko iyyuu nu jalaa hin badne.
1SA 25:16 Yeroo nu hoolota keenya isaan bira tiksaa turre hunda isaan halkanii fi guyyaa dallaa nuu taʼanii turan.
1SA 25:17 Sababii gooftaa keenyaa fi guutummaa mana isaa balaan marseef ati amma waan gochuu dandeessu yaadi. Sababii inni nama hamaa akkanaa taʼeef namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandaʼu.”
1SA 25:18 Abiigayiil yeroo hin balleessine. Isheen buddeena dhibba lama, daadhii wayinii qalqalloo lama; hoolota qalmaaf qopheeffaman shan, akaayii safartuu shan, maxinoo ija wayinii dhibba tokkoo fi maxinoo ija harbuu dhibba lama fudhattee harreetti feʼatte.
1SA 25:19 Ergasii tajaajiltoota isheetiin, “Na dursaatii deemaa; ani isinan qaqqaba” jette. Garuu dhirsa ishee Naabaalitti hin himne.
1SA 25:20 Utuma isheen harree yaabbattee tulluudhaan daʼattee gad buʼaa jirtuu Daawitii fi namoonni isaa isheetti dhufan; isheenis isaan simatte.
1SA 25:21 Daawit akkana jedhee ture; “Ani akka wanni inni qabu tokko illee jalaa hin badneef gammoojjiitti qabeenya namicha kanaa eeguun koo gatii dhabeera. Inni waan gaarii ani isaaf godheef waan hamaa naaf deebiseera.
1SA 25:22 Yoo ani bori ganama waan kan isaa taʼe keessaa dhiira tokko illee lubbuun hambise, Waaqni Daawitin haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu!”
1SA 25:23 Abiigayiil yeroo Daawitin argitetti daftee harree ishee irraa buutee adda isheetiin fuula Daawit duratti lafatti gombifamtee sagadde.
1SA 25:24 Isheenis miilla isaa irratti kuftee akkana jette: “Yaa gooftaa ko, balleessaan hundi ana qofa irra haa jiraatu. Maaloo akka garbittiin kee sitti dubbattu eeyyamiif; waan garbittiin kee dubbachuu barbaaddus dhagaʼi.
1SA 25:25 Gooftaan koo waaʼee namicha hamaa sanaa waaʼee Naabaal homaattuu hin hedin. Inni akkuma maqaa isaa ti; hiikkaan maqaa isaas gowwaa jechuu dha. Gowwummaanis isa wajjin jira. Ani garbittiin kee garuu namoota gooftaan koo erge sana hin argine.
1SA 25:26 Akka ati dhiiga hin dhangalaafnee fi akka harka keetiin haaloo hin baafne Waaqayyo si eegeera; dhugaa Waaqayyo jiraataa; duʼa kee ti; diinonni keetii fi warri gooftaa koo miidhuu barbaadan hundi akkuma Naabaal haa taʼan.
1SA 25:27 Kennaan garbittiin kee gooftaa kootiif fidde kunis namoota si duukaa buʼaniif haa kennamu.
1SA 25:28 “Waan gooftaan koo lola Waaqayyoo loluuf Waaqayyo gooftaa kootiif dhugumaan mootummaa bara baraa ni dhaabaatii. Maaloo balleessaa garbittii keetii dhiisiif. Bara jireenya keetii keessas yakki tokko iyyuu sirratti hin argamin.
1SA 25:29 Eenyu iyyuu lubbuu kee balleessuuf jedhee si ariʼu illee, lubbuun gooftaa koo waldaa jiraattotaa keessatti Waaqayyo Waaqa keetiin ni eegamti. Inni garuu akkuma waan wiirtuu furrisa keessaa furrifamuutti lubbuu diina keetii furrisee ni darbata.
1SA 25:30 Yeroo Waaqayyo akkuma gooftaa kootiif waadaa gale sanatti waan gaarii hunda godheefii Israaʼel irratti hoogganaa godhee isa muudutti,
1SA 25:31 gooftaan koo sababii yakka malee dhiiga dhangalaasuutiin yookaan sababii haaloo baafachuutiin waan isa gaabbisiisu yookaan waan qalbii isaa tuqu tokko illee hin qabaatin. Yeroo Waaqayyo Waaqni kee gooftaa kootiif waan gaarii godhutti garbittii kee yaadadhu.”
1SA 25:32 Daawitis Abiigayiiliin akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni akka ati harʼa na argituuf natti si erge haa eebbifamu.
1SA 25:33 Ati sababii harʼa gorsa gaarii naa kennitee dhiiga dhangalaasuu fi harkuma kootiin haaloo baafachuu irraa na deebifteef eebbifami.
1SA 25:34 Dhugaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan isin miidhuu na dhowwe jiraataa sanaa, utuu ati daftee na arguuf dhufuu baattee silaa ilmaan Naabaal keessaa dhiirri tokko iyyuu hamma lafti bariitutti hin hambifamu ture.”
1SA 25:35 Daawitis ergasii waan isheen isaaf fidde sana harka ishee irraa fuudhatee, “Nagaan gali. Ani waan ati jette dhagaʼeera; gaaffii kees fudhadheera” jedhe.
1SA 25:36 Yeroo Abiigayiil gara Naabaal dhaqxetti, inni mana isaatti cidha akkuma cidha mootii tokkoo qopheessee ture. Innis gammachuudhaan guutamee akka malee machaaʼee ture. Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti waan tokko illee isatti hin himne.
1SA 25:37 Ganama sanas yeroo machiin Naabaal irraa galetti niitiin isaa waan kana hunda itti himte; onneen isaas ni dhaabatte; innis akkuma dhagaa taʼe.
1SA 25:38 Bultii kudhan booddee Waaqayyo Naabaalin dhaʼe; innis ni duʼe.
1SA 25:39 Daawitis yeroo akka Naabaal duʼe dhagaʼetti, “Waaqayyo isa arrabsoo Naabaal haaloo naaf baaseef galanni haa gaʼu. Inni garbicha isaa yakka hojjechuu dhowwee yakka Naabaal matuma isaatti deebiseeraatii” jedhe. Daawitis akka isheen niitii isaaf taatu gaafachuuf Abiigayiilitti ergaa erge.
1SA 25:40 Tajaajiltoonni isaas Qarmeloos dhaqanii Abiigayiiliin, “Daawit akka ati isaaf niitii taatuuf akka nu isatti si geessinuuf sitti nu erge” jedhan.
1SA 25:41 Isheenis adda isheetiin lafatti gombifamtee, “Garbittiin kee kunoo ti; ani si tajaajiluu fi miilla tajaajiltoota gooftaa koo dhiquuf qophaaʼeera” jette.
1SA 25:42 Abiigayiilis daftee harree yaabbattee tajaajiltoota ishee dubara shan qabattee ergamoota Daawit wajjin deebitee dhaqxee Daawitiif niitii taate.
1SA 25:43 Akkasumas Daawit biyya Yizriʼeel keessaa Ahiinooʼamin fuudhe; lamaan isaanii iyyuu niitota taʼaniif.
1SA 25:44 Saaʼol garuu Miikaal intala isaa kan niitii Daawit turte sana Phaltiiʼeel ilma Laayish kan lammii Galiim ture sanatti heerumsiise.
1SA 26:1 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa Saaʼol bira dhaqanii, “Kunoo Daawit gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagaltu irra dhokatee jira mitii?” jedhan.
1SA 26:2 Kanaafuu Saaʼol namoota Israaʼel keessaa filataman kuma sadii wajjin Daawitin barbaacha Gammoojjii Ziifitti gad buʼe.
1SA 26:3 Saaʼol qubata isaa daandii gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagalu sana cina dhaabbate; Daawit garuu gammoojjii keessa ture. Innis yeroo akka Saaʼol isa duukaa buʼaa jiru beeketti,
1SA 26:4 basaastota ergee akka Saaʼol dhugumaan achi gaʼe mirkaneeffate.
1SA 26:5 Daawitis achii baʼee iddoo Saaʼol qubate dhaqe. Innis iddoo Saaʼolii fi Abneer ilmi Neer ajajaan loltootaa ciciisan arge. Saaʼol qubata keessa rafe; loltoonnis isa marsanii turan.
1SA 26:6 Daawitis Ahiimelek namicha Heetii fi Abiishaayi ilma Zeruuyaa obboleessa Yooʼaabiin, “Eenyutu na wajjin gara qubata kanaa Saaʼolitti seena?” jedhee gaafate. Abiishaayis, “Anatu si wajjin seena” jedhe.
1SA 26:7 Kanaafuu Daawitii fi Abiishaayi halkaniin gara loltootaa dhaqan; Saaʼol eeboo isaa mataa isaa bira lafatti dhaabee qubata keessa rafaa ture. Abneerii fi loltoonni immoo isa marsanii ciciisaa turan.
1SA 26:8 Abiishaayis Daawitiin, “Harʼa Waaqni diinota kee dabarsee harka keetti kenneera. Mee akka ani utuu itti hin deebiʼin yeruma tokkoon eeboo kootiin waraanee lafatti isa hodhu naa eeyyami; irra deebiʼee dhaʼuus na hin barbaachisu” jedhe.
1SA 26:9 Daawit garuu Abiishaayiin akkana jedhe; “Isa hin ajjeesin! Namni nama Waaqayyo dibetti harka ol fudhatee yakka malee hafu jiraa?
1SA 26:10 Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Waaqayyo mataan isaa iyyuu isa ni galaafata yookaan inni yeroon isaa gaʼee ni duʼa yookaan duula dhaqee achitti ni duʼa.
1SA 26:11 Garuu akka ani dibamaa Waaqayyootti harka koo ol hin kaafanne Waaqayyo na haa eegu; amma garuu eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.”
1SA 26:12 Kanaafuu Daawit eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa Saaʼol bira ture sana fudhatee kaʼanii deeman. Namni waan kana arge yookaan beeke tokko iyyuu hin turre yookaan namni tokko iyyuu hin dammaqne. Sababii Waaqayyo hirriba cimaa isaanitti gad dhiiseef hundi isaanii rafanii turan.
1SA 26:13 Ergasii Daawit gamatti ceʼee fagaatee fiixee gaara irra dhaabate; gidduu isaaniis lafa balʼaatu ture.
1SA 26:14 Daawitis loltootaa fi Abneer ilma Neeriitiin, “Yaa Abneer, ati deebii naaf hin kennituu?” jedhee lallabe. Abneeris deebisee, “Ati kan mootiitti iyyitu eenyu?” jedhe.
1SA 26:15 Daawit akkana jedhe; “Abneer, ati jagna mitii? Israaʼel keessatti namni siin qixxaatu eenyu? Ati maaliif gooftaa kee mooticha sirriitti hin eegne? Kunoo namni tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee tureetii.
1SA 26:16 Wanni ati goote gaarii miti. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, atii fi namoonni kee duʼuu qabdu; isin gooftaa keessan dibamaa Waaqayyoo sana hin eegneetii. Mee naannoo kee ilaali. Eeboo fi cuggeen bishaanii kan mataa mootichaa bira ture sun meerre?”
1SA 26:17 Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Yaa ilma koo Daawit, kun sagalee keetii?” jedhe. Daawitis, “Eeyyee; sagalee koo ti; yaa gooftaa koo mootii” jedhee deebise.
1SA 26:18 Itti fufees akkana jedhe; “Gooftaan koo maaliif tajaajilaa isaa ariʼa? Ani maalin godhe? Ani yakka maalin qaba?
1SA 26:19 Egaa mee gooftaan koo mootichi dubbii tajaajilaa isaa haa dhagaʼu. Yoo Waaqayyo natti si kakaasee jiraate inni aarsaa haa fudhatu. Garuu namoonni yoo waan kana godhanii jiraatan fuula Waaqayyoo duratti haa abaaraman! Isaan akka ani dhaala Waaqayyoo keessaa qooda hin qabaanneef na ariʼanii, ‘Dhaqiitii waaqota biraa tajaajili’ jedhan.
1SA 26:20 Dhiigni koo fuula Waaqayyoo duraa fagaatee akka lafatti dhangalaʼu hin godhin. Akkuma namni tokko gaara gubbaatti gogorrii adamsu sana mootiin Israaʼel tafkii barbaaduu baʼeera.”
1SA 26:21 Saaʼolis, “Ani yakka hojjedheera. Yaa ilma koo Daawit kottuu deebiʼi. Sababii harʼa lubbuun koo fuula kee duratti ulfina argatteef ani lammata si miidhuu hin yaalu. Ani dhugumaan hojii gowwummaa hojjedheera; guddaas dogoggoreera jedhe.”
1SA 26:22 Daawitis akkana jedhee deebise; “Eeboon mootichaa kunoo ti; dargaggoota kee keessaa namni tokko dhufee haa fuudhu.
1SA 26:23 Waaqayyo nama hundaaf qajeelummaa isaatii fi amanamummaa isaatiif gatii ni kenna. Waaqayyo harʼa dabarsee harka kootti si kennee ture; ani garuu dibamaa Waaqayyootti harka ol hin fudhadhu.
1SA 26:24 Akkuma ani harʼa lubbuu kee ulfeesse kana, Waaqayyos lubbuu koo ulfeessee rakkina hunda jalaa na haa baasu.”
1SA 26:25 Kana irratti Saaʼol Daawitiin, “Yaa ilma koo Daawit eebbifami; ati waan guddaa hojjetta; dhugumaanis ni moʼatta” jedhe. Kanaafuu Daawit karaa isaa itti fufe; Saaʼolis gara manaatti deebiʼe.
1SA 27:1 Daawit garuu akkana jedhee yaade; “Guyyoota kanneen keessaa gaafa tokko ani harka Saaʼoliin nan ajjeefama. Wanni ani gochuu qabu guddaan gara biyya Filisxeemotaatti baqachuu dha. Ergasiis Saaʼol guutummaa biyya Israaʼel keessa na barbaaduu ni dhiisa; anis harka isaa jalaa nan baʼa.”
1SA 27:2 Kanaafuu Daawit namoota dhibba jaʼaan isa wajjin turan wajjin kaʼee Aakiish mooticha Gaati, ilma Maaʼooki bira dhaqe.
1SA 27:3 Daawitii fi namoonni isaa Gaati keessa Aakiish bira turan. Tokkoon tokkoon namaas maatii isaa wajjin ture; Daawitis niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam kan lammii Yizriʼeelii fi Abiigayiil lammii Qarmeloos kan niitii Naabaal turte sana wajjin ture.
1SA 27:4 Saaʼolis yommuu akka Daawit gara Gaatitti baqate dhagaʼetti isa barbaaduu dhiise.
1SA 27:5 Daawitis Aakiishiin, “Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, akka ani achi jiraadhuuf magaalaawwan biyyattii keessaa magaalaa tokko keessatti iddoon naaf haa kennamu. Garbichi kee maaliif si wajjin magaalaa mootii keessa jiraata?” jedhe.
1SA 27:6 Akkasiin Aakiish gaafuma sana Siiqlaagin isaaf kenne; magaalattiinis gaafasii jalqabdee kan mootota Yihuudaa taate.
1SA 27:7 Daawitis waggaa tokkoo fi jiʼa afur biyya Filisxeemotaa jiraate.
1SA 27:8 Yeroo sanattis Daawitii fi namoonni isaa kaʼanii Geshuurota, Girzootaa fi Amaaleqoota weeraran. Namoonni kunneen bara duriitii jalqabanii biyya Shuuri kan hamma Gibxitti balʼatu keessa jiraachaa turan.
1SA 27:9 Daawit yeroo biyya sana lole hunda dhiira yookaan dubartii tokko illee lubbuun hin hambifne; garuu hoolotaa fi loon, harrootaa fi gaalawwan akkasumas uffata fudhatee gara Aakiishitti deebiʼe.
1SA 27:10 Yeroo Aakiish, “Harʼa eenyun weerartan?” jedhee gaafatetti, Daawit, “Negeeb Yihuudaa” yookaan “Negeeb Yeramiʼeelotaa” yookaan “Negeeb Qeenotaa” jedhe.
1SA 27:11 Daawitis, “Waan isaan, ‘Wanni Daawit godhe kana dha’ jedhanii nurratti odeessan” jedhee yaadeef akka dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu Gaatitti geeffamaniif lubbuun hin hambifne. Wanni inni yeroo biyya Filisxeem keessa jiraate hunda hojjetes kanuma ture.
1SA 27:12 Aakiishis waan, “Inni saba isaa Israaʼel biratti jibbamaa of godheera; kanaafuu bara baraan garbicha koo taʼa” jedhee yaadeef Daawitin ni amane.
1SA 28:1 Bara sana keessa Filisxeemonni Israaʼeloota loluuf humna isaanii walitti qabatan. Aakiishis Daawitiin, “Akka atii fi namoonni kee na wajjin duuluu qabdan beeki” jedhe.
1SA 28:2 Daawitis, “Waan garbichi kee hojjechuu dandaʼu ati iyyuu yeroo sana ni argita” jedhe. Aakiish deebisee, “Baayʼee gaarii dha; ani bara jireenya koo guutuu waardiyyaa koo sin godhadha” jedhe.
1SA 28:3 Bara sana Saamuʼeel duʼee Israaʼeloonni hundi booʼaniifii magaalaa isaa Raamaatti isa awwaalan. Saaʼolis ilaaltotaa fi eker dubbiftoota biyyaa baasee ture.
1SA 28:4 Filisxeemonni wal gaʼanii Suunamin qubatan; Saaʼol immoo Israaʼeloota hunda walitti qabee Gilboʼaa keessa qubate.
1SA 28:5 Saaʼol yeroo qubata Filisxeemotaa argetti ni naʼe; garaan isaas sodaan raafame.
1SA 28:6 Innis Waaqayyoon gaafate; Waaqayyo garuu abjuudhaan yookaan Uriimiidhaan yookaan raajotaan deebii hin kennineef.
1SA 28:7 Kana irratti Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Akka ani dhaqee ishee gaafadhuuf dubartii eker dubbiftuu naaf barbaadaa” jedhe. Isaanis, “Kunoo dubartiin ekeraa dubbiftu tokko Eendoor jirti” jedhan.
1SA 28:8 Kanaafuu Saaʼol wayyaa biraa uffatee bifa geeddarachuudhaan tajaajiltoota isaa lama wajjin halkaniin gara dubartii ekeraa dubbiftuu sanaa dhaqe. Innis, “Ekeraa naaf dubbisiitii nama ani maqaa isaa sitti himu ol naaf baasi” jedhe.
1SA 28:9 Dubartiin sun garuu, “Ati waan Saaʼol hojjete dhugumaan beekta. Inni ilaaltotaa fi eker dubbiftoota lafa irraa fixeera. Egaa maaliif lubbuu koo kiyyoo duʼaa keessa galchita ree?” jetteen.
1SA 28:10 Saaʼolis maqaa Waaqayyootiin isheef kakatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati waan kanaaf hin adabamtu” jedhe.
1SA 28:11 Dubartittiin sunis, “Ani eenyun ol siif baasu ree?” jettee gaafatte. Innis, “Saamuʼeelin ol naaf baasi” jedhe.
1SA 28:12 Dubartiin sunis yommuu Saamuʼeelin argitetti guddiftee iyyite. Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼolii dha!” jette.
1SA 28:13 Mootichis, “Hin sodaatin. Ati maal argaa jirta?” isheen jedhe. Dubartiin sunis, “Ani hafuura lafa keessaa ol baʼaa jiru tokko nan arga” jette.
1SA 28:14 Saaʼolis, “Inni maal fakkaata?” jedhee gaafate. Isheenis, “Jaarsi wayyaa dheeraa uffate tokko ol baʼaa jira” jette. Saaʼolis akka namni sun Saamuʼeel taʼe beeke; gad jedhees addaan lafatti gombifamee sagade.
1SA 28:15 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Ati maaliif ol na baasuudhaan na jeeqxa?” jedhe. Saaʼolis akkana jedheen, “Ani baayʼee dhiphadheera; Filisxeemonni na lolaa jiru; Waaqnis narraa garagaleera. Inni raajotaan yookaan abjuudhaan deebii naa hin kennu. Kanaafuu akka ati waan ani gochuu qabu natti himtuufan si waammadhe.”
1SA 28:16 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati erga Waaqayyo sirraa garagalee diina sitti taʼee maaliif na waamta?
1SA 28:17 Waaqayyo waanuma duraan dursee karaa kootiin dubbate sana fiixaan baase. Waaqayyo mootummaa harka kee keessaa butee ollaa kee keessaa nama tokkoof jechuunis Daawitiif kenneera.
1SA 28:18 Sababii ati Waaqayyoof hin ajajaminiif yookaan dheekkamsa isaa sodaachisaa sana Amaaleqoota irratti hin raawwatiniif Waaqayyo harʼa waan kana sitti fideera.
1SA 28:19 Israaʼelii fi siʼi illee Waaqayyo dabarsee harka Filisxeemotaatti ni kenna; atii fi ilmaan kee bori gara koo dhuftu. Waaqayyos loltoota Israaʼel dabarsee Filisxeemotatti ni kenna.”
1SA 28:20 Saaʼol waan dubbii Saamuʼeeliin akka malee sodaateef yeruma sana hojjaa isaa guutuudhaan kufe. Inni waan halkanii fi guyyaa sana guutuu homaa hin nyaatiniif humna dhabee ture.
1SA 28:21 Dubartittiinis yommuu gara Saaʼol dhuftee akka inni akka malee sodaate argitetti akkana jette; “Kunoo tajaajiltuun kee siif ajajamteerti. Ani lubbuu kootti murteessee waan ati jette godheera.
1SA 28:22 Ammas maaloo tajaajiltuu kee dhagaʼi; ani nyaata xinnoo siifan kenna; atis nyaattee jabaattee karaa kee qajeelta.”
1SA 28:23 Inni immoo, “Hin nyaadhu” jedhee dide. Taʼus namoonni isaa dubartittii wajjin isa jajjabeessinaan inni isaan dhagaʼe. Lafaa kaʼees siree irra taaʼe.
1SA 28:24 Dubartiin sunis dibicha gabbifame tokko manaa qabdi turte; isheenis yeroodhuma sana qalte. Daakuu xinnoo fuutee sukkuumtee buddeena raacitii hin qabne tolchite.
1SA 28:25 Isheenis Saaʼolii fi namoota isaatiif dhiʼeessite; isaanis ni nyaatan. Halkanuma sanas achii kaʼanii deeman.
1SA 29:1 Filisxeemonni loltoota isaanii hunda Afeeqitti walitti qabatan; Israaʼeloonni immoo burqaa Yizriʼeel keessa jiru bira qubatan.
1SA 29:2 Yommuu bulchitoonni Filisxeem dhibba dhibbaa fi kuma kumaan qoodamanii duulanitti Daawitii fi namoonni isaa Aakiish wajjin dugda duuba deemaa turan.
1SA 29:3 Ajajjoonni loltoota Filisxeemis, “Ibroonni kunneen maali asii hojjetu?” jedhanii gaafatan. Aakiishis deebisee, “Kun Daawit qondaalticha Saaʼol mooticha Israaʼel sanaa mitii? Inni waggaa tokko caalaa na wajjin ture; gaafa inni Saaʼolin dhiisee jalqabee hamma ammaatti ani yakka tokko illee isa irratti hin argine” jedhe.
1SA 29:4 Ajajjoonni loltoota Filisxeem garuu isatti aaranii akkana jedhan; “Akka inni iddoo ati isa itti ramadde sanatti deebiʼuuf namicha kana deebisii ergi. Inni nu wajjin duuluu hin qabu; yoo kanaa achii inni lola keessatti nutti garagala. Inni yoo mataa namoota keenyaa kukkutuudhaan taʼe malee akkamitti gooftaa isaatti araaramuu dandaʼa?
1SA 29:5 Daawit kun namichuma isaan, “ ‘Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’ jedhanii sirbanii shubbisaniif sana mitii?”
1SA 29:6 Kanaafuu Aakiish Daawitin waamee akkana jedheen; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ati nama amanamaa turte; ani utuu ati na wajjin loltoota keessa tajaajiltee nan gammada. Gaafa ati na bira dhuftee jalqabee hamma harʼaatti ani yakka tokko illee sirratti hin argine; garuu bulchitoonni si hin fudhanne.
1SA 29:7 Deebiʼii nagaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa gaddisiisu tokko illee hin hojjetin.”
1SA 29:8 Daawit, “Garuu ani maalin godhe? Erga ani gara kee dhufee jalqabee hamma ammaatti yakki ati tajaajilaa kee irratti argite maali? Ani maaliifin dhaqee diinota gooftaa koo mootichaa waraanuu hin dandaʼu?” jedhee gaafate.
1SA 29:9 Aakiish akkana jedhee deebiseef; “Ani akka ati fuula koo duratti akkuma ergamaa Waaqayyoo namatti toltu beeka; taʼus ajajjoonni Filisxeemotaa, ‘Inni nu wajjin duuluu hin qabu’ jedhaniiru.
1SA 29:10 Egaa amma kaʼiitii tajaajiltoota gooftaa keetii kanneen si wajjin dhufan wajjin ganamaan akkuma lafti ifeen deemaa.”
1SA 29:11 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa ganama bariin kaʼanii gara biyya Filisxeemotaa dhaquuf qajeelan; Filisxeemonni immoo gara Yizriʼeelitti ol baʼan.
1SA 30:1 Daawitii fi namoonni isaa guyyaa sadaffaatti Xiiqlaag gaʼan. Yeroo sanattis Amaaleqoonni Negeebii fi Siiqlaagin weeraranii turan. Isaanis Xiiqlaagin dhaʼanii ibiddaan guban;
1SA 30:2 dubartootaa fi warra achi keessa turan hunda, dargaggeeyyii fi jaarsolii boojiʼan. Hunda isaanii fudhatanii deeman malee nama tokko illee hin ajjeefne.
1SA 30:3 Yommuu Daawitii fi namoonni isaa Siiqlaag dhufanitti magaalattiin ibiddaan gubamtee niitonni isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii hundinuu boojiʼamanii turan.
1SA 30:4 Kana irratti Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hamma booʼuu dadhabanitti iyyanii booʼan.
1SA 30:5 Niitonni Daawit lamaanuu jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittiinii fi Abiigayiil niitiin Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe qabamanii turan.
1SA 30:6 Daawit waan namoonni dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa turaniif akka malee yaaddaʼe; tokkoon tokkoon namaa sababii ilmaanii fi intallan isaatiif garaan isaa gubatee ture. Daawit garuu Waaqayyo Waaqa isaatiin jabina argate.
1SA 30:7 Daawitis Abiyaataar lubicha ilma Ahiimelekiin, “Dirata sana naa fidi” jedhe. Abiyaataaris ni fideef;
1SA 30:8 Daawitis, “Ani garee weerartootaa kana duukaa buʼuu? Ani isaan qaqqabuu nan dandaʼaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Innis deebisee, “Isaan duukaa buʼaa; ni qaqqabdaatii; boojuu illee dhugumaan irraa buufatta” jedheen.
1SA 30:9 Daawitii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi jaʼan gara Laga Besoor dhufan; gartokkeen isaaniis achitti hafan.
1SA 30:10 Namoonni dhibba lama waan akka malee dadhabaniif laga Besoor ceʼuu hin dandeenye. Daawitii fi namoonni dhibba afur garuu ittuma fufanii duukaa buʼan.
1SA 30:11 Isaanis namicha Gibxi tokko dirree irratti arganii Daawititti fidanii bishaan inni dhuguu fi waan inni nyaatu kennaniif.
1SA 30:12 Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija wayinii lama kennaniif. Innis nyaatee lubbuun itti deebite; inni guyyaa sadii fi halkan sadii homaa hin nyaanne, bishaanis hin dhugne tureetii.
1SA 30:13 Daawitis, “Ati kan eenyuu ti? Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Namichis akkana jedhe; “Ani nama biyya Gibxi; garbicha Amaaleqicha tokkoo ti. Gooftaan koo guyyaa sadiin dura ani fayyaa dhabnaan na gatee deeme.
1SA 30:14 Nus Negeeb kan Kereetotaa, kutaa Yihuudaatii fi Negeeb Kaaleb weerarree Siiqlaagin ibiddaan gubne.”
1SA 30:15 Daawitis, “Iddoo gareen weerartuu kanaa jirutti na geessuu ni dandeessaa?” jedheen. Innis deebisee, “Akka na hin ajjeefne yookaan akka dabarsitee gooftaa kootti na hin kennine fuula Waaqaa duratti naa kakadhu; anis iddoo isaan jiranitti sin geessaa” jedhe.
1SA 30:16 Yommuu namichi sun iddoo isaan jiranitti Daawitin geessetti, Amaaleqoonni sababii boojuu guddaa biyya Filisxeemii fi Yihuudaatii fudhatan sanaatiif baadiyyaa keessa faffacaʼanii nyaachaa, dhugaa, sirbaas turan.
1SA 30:17 Daawitis galgala sanaa jalqabee hamma galgala guyyaa itti aanuutti isaan waraane; dargaggeeyyii dhibba afur kanneen gaalawwan yaabbatanii baqatan malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqne.
1SA 30:18 Daawit waan Amaaleqoonni boojiʼan hunda harkaa buufate; niitota isaa lamaanis ni deebifate.
1SA 30:19 Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne; jechuunis dargaggeessi yookaan jaarsi, dhiirri yookaan durbi, wanni saamame yookaan wanni isaan fudhatan tokko iyyuu hin hirʼanne. Daawit waan hunda harkaa buufatee fide.
1SA 30:20 Innis bushaayee fi loon isaanii hunda fudhate; namoonni isaas, “Kun boojuu Daawit” jechaa fuula horii kaanii dura isaan oofan.
1SA 30:21 Daawit gara namoota dhibba lamaan akka malee dadhabanii isa duukaa buʼuu hin dandaʼin kanneen Laga Besoor biratti duubatti hafan sanaa dhufe. Isaanis Daawitii fi namoota isaa simachuu gad buʼan. Daawitis yeroo namoota sanatti dhiʼaatetti nagaa isaan gaafate.
1SA 30:22 Garuu namoonni hamoonii fi warri rakkina uuman kanneen duukaa buutota Daawit wajjin turan hundi, “Waan isaan nu wajjin hin duuliniif nu boojuu deebifanne kana isaan wajjin hin qooddannu. Taʼus tokkoon tokkoon isaanii niitii fi ijoollee isaanii fudhatanii haa deeman” jedhan.
1SA 30:23 Daawit immoo akkana jedhee deebise; “Lakkisaa, yaa obboloota ko, isin waan Waaqayyo nuuf kenne irratti waan akkanaa gochuu hin qabdan. Inni nu eegee waraana nutti dhufe illee dabarsee harka keenyatti kenneera.
1SA 30:24 Eenyutu waan isin jettan kana dhagaʼa? Qoodni namicha miʼa eeguu, qooda namicha duula dhaqeetiin tokkuma. Isaan hundi haaluma tokkoon qooddatu.”
1SA 30:25 Daawitis gaafasii jalqabee hamma harʼaatti waan kana seeraa fi sirna godhee saba Israaʼeliif dhaabe.
1SA 30:26 Daawit yommuu Siiqlaag gaʼetti, “Kun kennaa boojuu diinota Waaqayyoo keessaa isinii kennamee dha” jedhee maanguddoota Yihuudaa kanneen michoota isaa turaniif boojuu sana irraa erge.
1SA 30:27 Boojuu sanas warra Beetʼeelitti argamaniif, warra Raamoot Negeebii fi Yatiir turaniif,
1SA 30:28 warra Aroʼeer, warra Siifmoot, Eshtimoʼaa,
1SA 30:29 warra Raakaal akkasumas warra magaalaa Yeramiʼeelotaatii fi magaalaa Qeenotaa keessa jiraataniif,
1SA 30:30 warra Hormaa, warra Boor Aashaan, warra Ataak,
1SA 30:31 warra Kebroon akkasumas iddoowwan Daawitii fi namoonni isaa keessa nanaannaʼan hunda jiraataniif erge.
1SA 31:1 Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
1SA 31:2 Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
1SA 31:3 Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii akka malee isa madeessan.
1SA 31:4 Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii na waraananii natti taphatuu” jedhe. Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe.
1SA 31:5 Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee Saaʼol wajjin duʼe.
1SA 31:6 Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan, namichi miʼa lolaa baatuu fi namoonni isaa hundinuu gaafasuma walumaan dhuman.
1SA 31:7 Israaʼeloonni qarqara sululaatii fi gama Yordaanos jiran yommuu akka loltoonni Israaʼel baqatanii fi akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
1SA 31:8 Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti, akka Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
1SA 31:9 Isaanis mataa Saaʼol irraa kutanii, miʼa lolaa isa irraa fudhatanii akka isaan mana waaqota tolfamoo isaanii keessattii fi saba isaaniitiif oduu kana labsaniif guutummaa biyya Filisxeemotaa keessa ergamoota ergan.
1SA 31:10 Isaanis miʼa lolaa isaa mana Ashtooreti waaqicha tolfamaa keessa kaaʼan; reeffa isaa immoo dallaa Beet Shaanitti hodhan.
1SA 31:11 Namoonni Yaabeesh Giliʼaad yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
1SA 31:12 namoonni jajjaboon isaanii hundi halkaniin kaʼanii dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa dallaa Beet Shaan irraa buusanii gara Yaabeeshitti fidanii achitti guban.
1SA 31:13 Ergasii lafee isaanii fuudhanii Yaabeeshitti muka tamirii jalatti awwaalan; bultii torbas ni sooman.
2SA 1:1 Saaʼol erga duʼee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutuu irraa deebiʼee Siiqlaag keessa guyyaa lama ture.
2SA 1:2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko qubata Saaʼolii dhufe; innis wayyaa isaa tarsaasee mataa isaatti awwaara firfirfatee ture. Yommuu Daawit bira gaʼettis ulfina isaaf kennuuf jedhee addaan lafatti gombifame.
2SA 1:3 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Namichi immoo, “Ani qubata Israaʼelootaa keessaan baqadhee dhufe” jedhe.
2SA 1:4 Daawitis, “Maaltu dhalate? Mee natti himi” jedhee gaafate. Innis, “Namoonni adda waraanaatii ni baqatan. Baayʼeen isaanii harcaʼaniiru; duʼaniirus. Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataanis duʼaniiru” jedheen.
2SA 1:5 Kana irratti Daawit dargaggeessa oduu kana fideen, “Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?” jedhe.
2SA 1:6 Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; “Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan.
2SA 1:7 Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe.
2SA 1:8 “Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate. “Ani immoo, ‘Ani nama Amaaleq’ jedheen deebise.
2SA 1:9 “Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe.
2SA 1:10 “Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera.”
2SA 1:11 Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan.
2SA 1:12 Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota Waaqayyootii fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii.
2SA 1:13 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee dargaggeessicha oduu fide sana gaafate. Innis, “Ani ilma Amaaleq, namicha galtuu taʼe tokkoo ti” jedhee deebise.
2SA 1:14 Daawit immoo, “Yoos ati dibamaa Waaqayyoo tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?” jedhee gaafate.
2SA 1:15 Ergasii Daawit namoota isaa keessaa tokko waamee, “Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!” jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe.
2SA 1:16 Daawitis, “Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama Waaqayyo isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa” jedheen.
2SA 1:17 Daawit faaruu kanaan Saaʼolii fi ilma Saaʼol Yoonaataaniif booʼe;
2SA 1:18 akkasumas faaruu iddaa jedhamu kana akka namoonni Yihuudaa barsiisfaman ajaje; kunis kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera. Innis:
2SA 1:19 “Yaa Israaʼel, ulfinni kee gaarran kee irratti ajjeefameera. Namoonni jajjaboon akkamitti akkas kukkufan!
2SA 1:20 “Waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; daandiiwwan Ashqaloon irrattis hin labsinaa; yoo kanaa achii intallan Filisxeemotaa ni gammadu; intallan warra dhagna hin qabatiniis ni ililchu.
2SA 1:21 “Yaa tulluuwwan Gilboʼaa, fixeensi isin irra hin buʼin yookaan bokkaan isinitti hin roobin; yookaan lafti qotiisaa midhaan aarsaaf dhiʼeeffamu biqilchu isin keessatti hin argamin. Gaachanni nama jabaa achitti xuraaʼeeraatii; gaachanni Saaʼol siʼachi zayitii hin dibamu.
2SA 1:22 “Dhiiga namoota dhumanii keessaa, foon namoota jajjaboo irraa, iddaan Yoonaataan duubatti hin deebine; goraadeen Saaʼolis akkasumaan hin deebine.
2SA 1:23 Saaʼolii fi Yoonaataan yeroo lubbuun jiraachaa turanitti, jaallatamoo namni isaanitti gammadu turan; isaan yeroo duʼaattis gargari hin baane. Isaan risaa caalaa ariifatu, leenca caalaas jabaatu turan.
2SA 1:24 “Yaa intallan Israaʼel, Saaʼol isa wayyaa bildiimaa fi uffata haphii isinitti uffise, kan wayyaa keessan warqeedhaan miidhagse, sanaaf booʼaa.
2SA 1:25 “Namoonni jajjaboon akkamitti waraana keessatti kufu! Yoonaataan gaarran keessan irratti ajjeefameera.
2SA 1:26 Yaa Yoonaataan obboleessa ko, ani siif gaddeera; ati anaaf nama akka malee jaallatamaa turte. Jaalalli ati naaf qabdu dinqisiisaa ture; jaalala dubartii caalaa dinqisiisaa ture.
2SA 1:27 “Namoonni jajjaboon akkamitti kufan! Miʼoonni lolaa balleeffamaniiru!”
2SA 2:1 Kana booddee Daawit, “Magaalaawwan Yihuudaa keessaa gara isa tokkootti ol baʼuu?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Baʼi” jedheen. Daawit immoo, “Gara isa kamiittin ol baʼa?” jedhee gaafate. Waaqayyos, “Gara Kebroonitti” jedhee deebiseef.
2SA 2:2 Kanaafuu Daawit niitota isaa lamaan jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittii sanaa fi Abiigayiil kan Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe wajjin ol baʼe.
2SA 2:3 Daawit namoota isa wajjin turan tokkoo tokkoo isaanii maatii isaanii wajjin fudhate; isaanis magaalaawwan Kebroon keessa qubatan.
2SA 2:4 Ergasiis namoonni Yihuudaa gara Kebroon dhufanii mana Yihuudaa irratti Daawitin mootii godhanii diban. Yeroo akka namoonni Yaabeesh Giliʼaad Saaʼolin awwaalan Daawititti himametti,
2SA 2:5 inni akkana jedhee gara namoota Yaabeesh Giliʼaaditti ergamoota erge; “Sababii isin isa awwaaluudhaan Saaʼol gooftaa keessaniif arjummaa akkasii gootaniif Waaqayyo isin haa eebbisu.
2SA 2:6 Ammas Waaqayyo jaalala isaa kan hin geeddaramnee fi amanamummaa isaa isiniif haa kennu; ani waan isin akkas gootaniif akkasuma waan gaarii isiniif nan godha.
2SA 2:7 Egaa amma jabaadhaa; cimaa; Saaʼol gooftaan keessan duʼeeraatii; namoonni Yihuudaa immoo mootii godhatanii of irratti na dibaniiru.”
2SA 2:8 Yeroo sanatti Abneer ilmi Neer ajajaan waraanaa Saaʼol Iish-Booshet ilma Saaʼol fuudhee gara Mahanayiimitti dabarse.
2SA 2:9 Innis Giliʼaad, Ashuur, Yizriʼeel, Efreemii fi Beniyaam, akkasumas guutummaa Israaʼel irratti isa moosise.
2SA 2:10 Iish-Booshet ilmi Saaʼol yeroo Israaʼel irratti mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtama ture; innis waggaa lama moʼe. Taʼus manni Yihuudaa Daawit duukaa buʼe.
2SA 2:11 Daawitis Kebroonitti mana Yihuudaa irratti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa mootii taʼe.
2SA 2:12 Abneer ilmi Neer namoota Iish-Booshet ilma Saaʼol sana wajjin Mahanayiimii kaʼanii gara Gibeʼoon dhaqan.
2SA 2:13 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa fi namoonni Daawit isaan simachuuf baʼanii haroo Gibeʼoon biratti itti dhufan. Gareen tokko gama tokkoon, gareen kaan immoo gama kaaniin haroo sana bira tataaʼan.
2SA 2:14 Abneeris Yooʼaabiin, “Mee dargaggoonni kaʼanii fuula keenya duratti wal haa tuman” jedhe. Yooʼaabis, “Haa taʼu; wal haa tuman” jedhe.
2SA 2:15 Kanaafuu Beniyaam irraa namoonni kudha lama Iish-Booshet ilma Saaʼoliif, namoonni kudha lama immoo kaʼanii Daawitiif lakkaaʼaman.
2SA 2:16 Tokkoon tokkoon namaas mormituu isaa mataa qabee cinaacha isaatti goraadee diree wal qabatanii kukkufan. Kanaafuu iddoon sun Gibeʼoon keessatti lafa goraadee jedhamee waamame.
2SA 2:17 Lolli gaafa sanaa akka malee jabaa ture; Abneerii fi namoonni Israaʼelis namoota Daawitiin moʼataman.
2SA 2:18 Ilmaan Zeruuyaa sadan jechuunis Yooʼaab, Abiishaayii fi Asaaheel achi turan. Asaaheel akkuma kuruphee bosonaa fiigichatti nama jabaa ture.
2SA 2:19 Innis utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorin faana buʼee Abneerin ariʼe.
2SA 2:20 Abneeris of irra garagalee, “Ati Asaaheelii?” jedhee gaafate. Innis, “Eeyyee anuma” jedhee deebise.
2SA 2:21 Ergasiis Abneer, “Gara mirgaatti yookaan bitaatti garagaliitii dargaggeessa tokko qabii miʼa lolaa isaa irraa fudhadhu” jedheen. Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne.
2SA 2:22 Abneer ammas Asaaheelin, “Na hin ariʼin! Ani maaliifan si galaafadha? Ani akkamittin fuula koo ol fudhadhee obboleessa kee Yooʼaabin ilaala?” jedhe.
2SA 2:23 Asaaheel garuu isa ariʼuu hin dhiifne; kanaafuu Abneer qara eeboo isaatiin garaa isaa waraane; eeboon sunis keessa fullaʼee dugda isaatiin baʼe. Asaaheelis achitti kufee yommuu suma duʼe. Namni hundis iddoo Asaaheel itti kufee duʼe sana gaʼee dhaabata ture.
2SA 2:24 Yooʼaabii fi Abiishaayi garuu Abneerin ariʼan; isaanis yeroo aduun dhiʼetti gaara Amaa kan karaa gammoojjii Gibeʼoonitti geessu irra Giiyaatti garagalee argamu sana gaʼan.
2SA 2:25 Namoonni Beniyaamis Abneer biratti walitti qabaman. Isaanis gareedhaan walgurmeessanii gaara Amaa gubbaatti hiriiran.
2SA 2:26 Abneeris iyyee Yooʼaabin waamee, “Goraadeen kun bara baraan waa galaafachuu qabaa? Akka dhumni waan kanaa hadhaaʼaa taʼe ati wallaalteetii? Ati hamma yoomiitti akka namoonni kee obboloota isaanii ariʼuu dhiisan itti hin himtu?” jedhe.
2SA 2:27 Yooʼaab immoo deebisee, “Dhugaa Waaqa jiraataa, utuu ati waan kana jechuu baattee silaa namoonni hamma lafti bariʼutti obboloota isaanii ariʼuu irraa hin deebiʼan ture” jedhe.
2SA 2:28 Kanaafuu Yooʼaab malakata afuufe; namoonni hundis Israaʼeloota ariʼuu dhiisan; lammatas waraanni isaan gidduutti hin kaane.
2SA 2:29 Abneerii fi namoonni isaa halkan sana guutuu Arabbaa keessa yaaʼanii darban. Isaanis Laga Yordaanos ceʼanii guutummaa Biitroon keessa darbanii gara Mahanayiim dhufan.
2SA 2:30 Ergasiis Yooʼaab Abneerin ariʼuu dhiisee namoota isaa hunda walitti qabe. Yeroo sanattis akka namoota Daawit keessaa Asaaheelin malee namoonni kudha sagal badan beekame.
2SA 2:31 Namoonni Daawit garuu namoota Beniyaam keessaa warra Abneer wajjin turan dhibba sadii fi jaatama ajjeesan.
2SA 2:32 Isaanis reeffa Asaaheel fudhatanii Beetlihemitti iddoo awwaala abbaa isaatti awwaalan. Yooʼaabii fi namoonni isaa halkan guutuu deemaa bulanii barii obboroo Kebroon gaʼan.
2SA 3:1 Mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraana bara dheeraatu ture. Yeroo Daawit jabaachaa deemetti manni Saaʼol immoo dadhabaa deeme.
2SA 3:2 Daawit Kebroonitti ijoollee dhalche; isaanis: Inni hangafni Amnoon isa Ahiinooʼam Yizriʼeelittiin deessee dha;
2SA 3:3 inni lammaffaan Kiliʼaab ilma Abiigayiil isheen Naabaal namichi biyya Qarmeloos irraa duʼe sun deessee dha; sadaffaan Abesaaloom ilma Maʼakaa kan intalli Talmaayi mooticha Geshuur sun deessee dha;
2SA 3:4 afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit; shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal;
2SA 3:5 jaʼaffaan Yitreʼaam ilma Eglaa niitiin Daawit deessee dha.
2SA 3:6 Yeroo mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduu waraanni turetti Abneer mana Saaʼol irratti humna isaa jabeeffachaa ture.
2SA 3:7 Saaʼolis intala Ayyaa kan Riixiphaa jedhamtu saajjatoo godhatee ture. Iish-Booshetis Abneeriin, “Ati maaliif saajjatoo abbaa kootii wajjin rafte?” jedhe.
2SA 3:8 Abneer immoo waan Iish-Booshet akkas jedheef akka malee aaree akkana jedhe; “Ani mataa saree Yihuudaatii? Ani hamma harʼaatti mana abbaa kee Saaʼoliif, mana maatii isaatii fi mana firoota isaatiif amanamaa dha. Siʼi illee dabarsee Daawititti hin kennine. Ati garuu amma waaʼee dubartii kanaatiif na himatta!
2SA 3:9 Yoo ani akka abdiin Waaqni Daawitiif kenne sun raawwatamu gochuu baadhe Waaqayyo Abneer irratti waan hamaa haa godhu; sana caalaa iyyuu isatti haa fidu;
2SA 3:10 wanni Waaqni kakuudhaan isa abdachiise sunis mana Saaʼol irraa mootummaa fuudhee Daanii jalqabee hamma Bersheebaatti Israaʼelii fi Yihuudaa irratti teessoo Daawit jabeessee dhaabuu dha.”
2SA 3:11 Iish-Booshet waan isa sodaateef Abneeritti waan tokko illee dubbachuu hin dandeenye.
2SA 3:12 Ergasii Abneer, “Biyyattiin kan eenyuu ti? Na wajjin walii galtee godhadhu; anis akka Israaʼel guutumaan guutuutti gara kee goru sin gargaaraa” jedhee Daawititti ergamoota erge.
2SA 3:13 Daawitis, “Gaarii dha; ani si wajjin walii galtee nan godhadha. Garuu waan tokko sin gaafadha; kunis ati yommuu gara koo dhuftutti jalqabatti Miikaal intala Saaʼol naa fidi; yoo kanaa achii gara koo hin dhufin” jedhe.
2SA 3:14 Ergasiis Daawit, “Niitii koo ishee ani misaa Filisxeemota dhibba tokkootiin kaadhimadhe Miikaalin naa ergi” jedhee Iish-Booshet ilma Saaʼolitti ergamoota erge.
2SA 3:15 Kanaafuu Iish-Booshet nama ergee dhirsa ishee Phaltiiʼeel ilma Laayish irraa ishee fudhate.
2SA 3:16 Dhirsi ishees hamma magaalaa Bahuuriimitti booʼaa ishee duukaa buʼe. Abneeris, “Mana keetti deebiʼi!” jedheen. Kanaafuu inni ni deebiʼe.
2SA 3:17 Abneer maanguddoota Israaʼel wajjin mariʼatee akkana jedhe; “Isin kanaan dura akka Daawit mootii keessan taʼu hawwaa turtan.
2SA 3:18 Waaqayyo, ‘Ani garbicha koo Daawitiin saba Israaʼel harka Filisxeemotaatii akkasumas harka diinota isaanii hundaa keessaa nan baasa’ jedhee abdachiiseeraatii isin waan kana galmaan gaʼaa!”
2SA 3:19 Abneer namoota Beniyaam birattis ni dubbate. Ergasiis Kebroon dhaqee waan Israaʼeloonnii fi manni Beniyaam hundi gochuu barbaadan Daawititti hime.
2SA 3:20 Yommuu Abneer namoota isaa digdama wajjin Kebroon dhufetti, Daawit isaa fi namoota isaatiif cidha qopheesse.
2SA 3:21 Abneeris Daawitiin, “Ani kaʼee deemee akka isaan gooftaa koo mootii wajjin kakuu galanii fi akka ati warra garaan kee fedhe hunda irratti mootii taatuuf Israaʼeloota hunda walitti nan qaba” jedhe. Kanaaf Daawit isa geggeesse; innis nagaadhaan deeme.
2SA 3:22 Namoonni Daawitii fi Yooʼaab yommuu suma boojuu hedduu fudhatanii duulaa galan. Abneer garuu Daawit wajjin Kebroon hin turre; Daawit isa geggeessee inni nagaan deemeeraatii.
2SA 3:23 Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan hundi yommuu achi gaʼanitti akka Abneer ilmi Neer mooticha bira dhufee mootichi nagaan isa geggeesse isatti himame.
2SA 3:24 Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee akkana jedhe; “Maali gochuu kee ti? Kunoo Abneer gara kee dhufee ture. Ati Maaliif isa geggeessite? Inni amma deemeera!
2SA 3:25 Ati Abneer ilma Neer ni beekta; inni si gowwoomsee sochii keetii fi waan ati gochaa jirtu hunda basaasuudhaaf dhufe.”
2SA 3:26 Yooʼaabis Daawit biraa baʼee Abneer duubaan ergamoota erge; isaanis boolla bishaanii kan Siiraa biraa isa deebisan. Daawit garuu waan kana hin beekne.
2SA 3:27 Yeroo Abneer Kebroonitti deebiʼettis Yooʼaab waan kophaatti isa wajjin haasaʼuu barbaade fakkeessee gara karraatti isa baase. Achittis haaloo dhiiga obboleessa isaa Asaaheel baasuuf garaa keessa isa waraane; innis ni duʼe.
2SA 3:28 Ergasii Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Anii fi mootummaan koo bara baraan dhiiga Abneer ilma Neer irraa fuula Waaqayyoo duratti qulqulluu dha.
2SA 3:29 Cubbuun dhiiga isaa mataa Yooʼaabii fi mana abbaa isaa hundaa irra haa gaʼu! Namni madaa malaa yaasu yookaan lamxii qabu yookaan namni uleetti rarraʼee deemu yookaan namni goraadeen ajjeefamu yookaan namni waan nyaatu dhabu mana Yooʼaabii hin dhabamin.”
2SA 3:30 Sababii inni lola Gibeʼoon irratti obboleessa isaanii Asaaheelin ajjeeseef Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Abneerin ajjeesan.
2SA 3:31 Daawitis Yooʼaabii fi namoota isa wajjin turan hundaan, “Uffata keessan tarsaasaatii uffata gaddaa uffadhaa; fuula Abneer durattis booʼaa” jedhe. Daawit mootichis reeffa Abneer geggeesse.
2SA 3:32 Isaanis Abneerin Kebroonitti awwaalan; mootichis awwaala Abneer irratti iyyee booʼe; namoonni hundinuus ni booʼan.
2SA 3:33 Mootichis faaruu gaddaa kana akkana jedhee Abneeriif faarse: “Abneer akka duʼa nama yaraa tokkootti duʼuu qabaa?
2SA 3:34 Harki kee hin hidhamne; miilli kee foncaadhaan hin gaadiʼamne. Ati akkuma nama fuula hamootaa duratti kufu tokkootti kufte.” Namoonni hundinuu amma illee ni booʼaniif.
2SA 3:35 Gara saafaattis namoonni hundi dhufanii akka inni waa nyaatuuf Daawitin kadhatan; inni garuu, “Yoo ani hamma biiftuun lixxutti buddeena yookaan waan biraa afaan kootiin qabe Waaqni waan hamaa natti haa fidu; kana caalaa iyyuu natti haa fidu!” jedhee kakate.
2SA 3:36 Namoonni hundinuu waan kana arganii gammadan; dhugumaan wanni mootichi godhe hundi isaan gammachiise.
2SA 3:37 Kanaafuu gaafa sana namoonni hundii fi Israaʼel hundi akka ajjeefamuu Abneer ilma Neer keessatti mootichi qooda hin qabne beekan.
2SA 3:38 Mootichis namoota isaatiin akkana jedhe; “Isin akka guyyaa harʼaa ilmi mootiitii fi namni guddaan tokko Israaʼel keessaa kufe hin beeknee?
2SA 3:39 Ani mootii dibame taʼu illee harʼa nama dadhabaa dha; ilmaan Zeruuyaa kunneen natti jabaataniiru. Waaqayyo nama waan hamaa hojjetuuf akkuma hammina hojii isaatti isaaf haa kennu!”
2SA 4:1 Iish-Booshet ilmi Saaʼol yommuu akka Abneer Kebroonitti ajjeefame dhagaʼetti humni isaa ni buʼe; Israaʼel hundis sodaan guutame.
2SA 4:2 Yeroo sanatti Iish-Booshet ilmi Saaʼol dura buutota garee duultotaa lama qaba ture. Inni tokko Baʼanaa, kaan immoo Rekaab jedhama ture; isaanis ilmaan Rimoon namicha Biʼeeroot kan gosa Beniyaam sanaa ti; Biʼeeroot kun akka kutaa Beniyaamitti lakkaaʼama;
2SA 4:3 namoonni Biʼeeroot kunneen gara Gitayimitti baqatanii hamma harʼaatti alagummaan achi jiraatuutii.
2SA 4:4 Yoonaataan ilmi Saaʼol mucaa miilli isaa lachuu naafate tokko qaba ture. Yeroo oduun waaʼee Saaʼolii fi Yoonaataan Yizriʼeel irraa dhufetti inni nama waggaa shanii ture. Guddiftuun isaas isa fudhattee baqatte; garuu utuu isheen baqachuuf ariifattuu mucichi ishee irraa kufee naafate. Maqaan isaas Mefiibooshet jedhama ture.
2SA 4:5 Rekaabii fi Baʼanaan ilmaan Rimoon namicha gosa Biʼeeroot kaʼanii gara mana Iish-Boosheti qajeelan; yeroon isaan itti achi gaʼanis guyyaa saafaa yeroo inni itti aara galfatu ture.
2SA 4:6 Isaanis akka nama qamadii barbaaduutti kutaa manaa isa gara keessaatti ol seenanii garaa isaa waraanan. Ergasiis Rekaabii fi obboleessi isaa Baʼanaan miliqanii baʼan.
2SA 4:7 Isaanis utuu inni kutaa ciisichaa keessa siree isaa irra rafee jiruu ol seenan. Erga garaa isaa waraananii isa ajjeesanii booddees mataa isaa irraa kutan. Mataa sanas fuudhanii halkan guutuu daandii Arabbaa irra deemaa bulan.
2SA 4:8 Isaanis Kebroonitti mataa Iish-Booshet gara Daawit mootichaa fidanii, “Kunoo mataa Iish-Booshet ilma diina kee Saaʼol kan ilma namicha si ajjeesuu barbaadu sanaa. Harʼa Waaqayyo Saaʼolii fi sanyii isaa illee gooftaa koo mootichaaf haaloo baaseera” jedhaniin.
2SA 4:9 Daawit immoo Rekaabii fi obboleessa isaa Baʼanaa, ilmaan Rimoonii namicha gosa Biʼeerootaa sanaan akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hunda jalaa na baase sanaa,
2SA 4:10 kunoo ani namicha waan oduu gaarii naa fide seʼee, ‘Saaʼol duʼeera’ jedhee natti hime sana qabee Siiqlaagitti ajjeeseera. Egaa wanni ani namicha oduu sana fide badhaase kana dha!
2SA 4:11 Yoos yeroo namoonni hamooni nama balleessaa hin qabne tokko mana isaa keessatti, siree isaa irratti ajjeesanitti ani dhiiga isaa harka keessan irraa hin barbaaduu ree? Lafa irraas hin balleessuu ree?”
2SA 4:12 Kanaafuu Daawit namoota isaa ajaje; isaanis jara ajjeesan. Harkaa fi miilla isaanii irraa kukkutanii haroo Kebroon biratti reeffa isaanii fannisan. Mataa Iish-Booshet garuu fuudhanii Kebroonitti awwaala Abneer biratti awwaalan.
2SA 5:1 Gosoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit bira dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
2SA 5:2 Duraan yeroo Saaʼol mootii keenya turetti, namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyos, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
2SA 5:3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit mooticha bira dhufanitti mootichi Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale; isaanis Daawitin dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
2SA 5:4 Daawit yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtama bulche.
2SA 5:5 Kebroon keessatti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa Yihuudaa irratti mootii ture; Yerusaalem keessatti immoo waggaa soddomii sadii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa irratti mootii taʼe.
2SA 5:6 Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota achi jiraatan loluuf gara Yerusaalemitti ni qajeelan. Yebuusonnis Daawitiin, “Ati as hin seentu; jaamaa fi naafni iyyuu of irraa si deebisu” jedhan. Isaan, “Daawit as seenuu hin dandaʼu” jedhanii yaadan.
2SA 5:7 Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon Magaalaa Daawit ni qabate.
2SA 5:8 Daawitis gaafas, “Namni Yebuusota dhaʼuuf baʼu kam iyyuu, ‘naafotaa fi jaamota’ lubbuu Daawitiin jibbaman bira gaʼuuf karaa boʼoo bishaaniitiin darbuu qaba” jedhe. Sababiin isaan, “ ‘Jaamonnii fi naafonni’ masaraa mootii hin seenan” jedhaniif kanuma.
2SA 5:9 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana godhatee Magaalaa Daawit jedhee moggaase. Inni Miiloodhaa jalqabee naannoo ishee marsee ijaare.
2SA 5:10 Innis sababii Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
2SA 5:11 Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiroos ergamoota wajjin muka birbirsaa, namoota muka soofanii fi warra dhagaa soofan gara Daawit erge; isaanis Daawitiif masaraa ijaaran.
2SA 5:12 Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka saba Israaʼeliif jedhee mootummaa isaa guddiseef ni beeke.
2SA 5:13 Daawitis erga Kebroonii baʼee booddee saajjatoowwanii fi niitota biraa Yerusaalem keessatti fuudhe; ilmaanii fi intallan dabalataa dhalataniif.
2SA 5:14 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
2SA 5:15 Yibehaar, Eliishuuwaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
2SA 5:16 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
2SA 5:17 Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti, humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee gara daʼannoo jabaatti gad buʼe.
2SA 5:18 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan;
2SA 5:19 kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
2SA 5:20 Kanaafuu Daawit gara Baʼaal Pheraaziim dhaqe; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqayyo fuula koo duratti diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
2SA 5:21 Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti dhiisanii baqatan; Daawitii fi namoonni isaa immoo isaan fuudhanii deeman.
2SA 5:22 Filisxeemonni amma illee dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan;
2SA 5:23 kanaafuu Daawit Waaqayyoon gaafate; Waaqayyos akkana jedheen; “Kallattiidhaan itti hin baʼin; garuu duubaan isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
2SA 5:24 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen dafiitii baʼi; Waaqayyo loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
2SA 5:25 Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo isa ajaje sana Gibeʼoon jalqabee hamma Geeziritti Filisxeemota dhaʼe.
2SA 6:1 Daawit ammas namoota Israaʼel keessaa filataman kuma soddoma walitti qabate.
2SA 6:2 Innii fi namoonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqaa kan Maqaa, maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu kan taabota gubbaa, kiirubeelii teessoo irra jiran gidduu jiru sanaatiin waamamu sana achii fiduuf gara Baʼaalaa ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
2SA 6:3 Isaanis taabota Waaqaa gaarii haaraa irra kaaʼanii mana Abiinaadaab kan gaara irra jiru sanaa baasanii fidan. Ilmaan Abiinaadaabii, Uzaa fi Ahiiyoon gaarii haaraa sana oofaa turan;
2SA 6:4 taabonni Waaqaas gaarii irra kaaʼamee Ahiiyoon dura dura deema ture.
2SA 6:5 Daawitii fi Israaʼel hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaadhaan, masiinqoodhaan, baganaadhaan, dibbeedhaan, bilbilaan, Kililleedhaanis fuula Waaqayyoo duratti gammadanii shuubbisaa turan.
2SA 6:6 Yommuu isaan oobdii Naakoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan harka isaa hiixatee taabota Waaqaa qabe.
2SA 6:7 Sababii hojii isaa kan ulfina hin qabneetiif dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; kanaafuu Waaqni isa rukute; innis achumatti taabota Waaqaa biratti duʼe.
2SA 6:8 Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
2SA 6:9 Daawitis gaafa sana Waaqayyoon sodaatee, “Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa?” jedhe.
2SA 6:10 Innis akka taabonni Waaqayyoo isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse.
2SA 6:11 Taabonni Waaqayyoos jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; Waaqayyos isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise.
2SA 6:12 Yeroo kanatti, “Waaqayyo sababii taabota Waaqaatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise” jedhanii Daawit Mootichatti himan. Kanaafuu Daawit gad buʼee taabota Waaqaa sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawititti fide.
2SA 6:13 Innis akkuma namoonni taabota Waaqayyoo baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
2SA 6:14 Daawitis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture;
2SA 6:15 innii fi Israaʼel hundi “hoo” jechaa sagalee malakataatiin taabota Waaqayyoo fidan.
2SA 6:16 Yeroo taabonni Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi fuula Waaqayyoo duratti utaalee shuubbisu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.
2SA 6:17 Isaanis taabota Waaqayyoo fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; Daawitis aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse.
2SA 6:18 Innis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin namoota ni eebbise.
2SA 6:19 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama tuuta Israaʼelootaa guutuu keessa jiruutiif jechuunis dhiirotaafis dubartootaafis buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne. Namoonni hundinuus gara mana mana isaanii deeman.
2SA 6:20 Yommuu Daawit maatii ofii isaa eebbisuuf deebiʼettis Miikaal intalli Saaʼol isa simachuuf baatee, “Harʼa mootiin Israaʼel akka nama gatii hin qabne tokkootti fuula xomboreewwan hojjettoota isaa duratti qullaa argamuun isaa ulfina taʼeeti moo!” jette.
2SA 6:21 Daawit immoo Miikaaliin akkana jedhe; “Ani fuula Waaqayyo isa abbaa keetii fi warra mana isaa jiran caalchisee na filatee saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti na muude sanaaf fuula Waaqayyoo duratti nan shuubbisa.
2SA 6:22 Ani kana caalaa iyyuu ofin xinneessa; ija kee durattis of nan salphisa. Xomboreewwan ati jette kanneeniin garuu nan kabajama.”
2SA 6:23 Miikaal intalli Saaʼol utuu ijoollee hin argatin duute.
2SA 7:1 Mootichi erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee Waaqayyo diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda jalaa isa boqochiisee booddee,
2SA 7:2 Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni Waaqaa garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
2SA 7:3 Naataan immoo mootichaan, “Waaqayyo si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
2SA 7:4 Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
2SA 7:5 “Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼii?
2SA 7:6 Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture.
2SA 7:7 Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu bulchitoota akka isaan saba koo Israaʼelin eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
2SA 7:8 “Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.
2SA 7:9 Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii guddaa nan godha.
2SA 7:10 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;
2SA 7:11 isaan siʼachi waan gaafa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan. Ani diinota kee hunda jalaas sin boqochiisa. “ ‘Akka Waaqayyo mataan isaa mana siif ijaaru Waaqayyo sittin hima;
2SA 7:12 yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.
2SA 7:13 Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.
2SA 7:14 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa.
2SA 7:15 Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu.
2SA 7:16 Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ”
2SA 7:17 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
2SA 7:18 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo Gooftaa, kan ati asiin na geesse ani eenyu? Maatiin koos maali?
2SA 7:19 Yaa Waaqayyo Gooftaa, akka waan wanni kun fuula kee duratti gaʼaa hin taʼiniitti ati waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duratti taʼus dubbatte. Yaa Waaqayyo Gooftaa, edaa walitti dhufeenyi ati namoota wajjin qabdu kanaa?
2SA 7:20 “Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garbicha kee ni beektaatii.
2SA 7:21 Ati sababii dubbii keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana hojjettee akka garbichi kee beeku goote.
2SA 7:22 “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
2SA 7:23 Sabni akka saba kee Israaʼel, kan Waaqni akka inni saba isaa taʼuuf maqaa ofii isaa dhaabbachuuf jedhee isa furuuf saboota ormaatii fi waaqota isaanii illee fuula isaa duraa ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa argisiisuudhaan baʼee biyya Gibxii furee baase kan biraa lafa irraa kamii dha?
2SA 7:24 Ati saba kee Israaʼelin kan ofii keetii gootee bara baraan dhaabdeerta; yaa Waaqayyo ati Waaqa isaanii taateerta.
2SA 7:25 “Ammas yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati waadaa garbicha keetii fi mana isaatiif galte sana bara baraan eegi. Kanas akkuma waadaa galte sana raawwadhu;
2SA 7:26 kunis akka maqaan kee bara baraan guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼel irratti Waaqa!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
2SA 7:27 “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’ jettee garbicha keetti waan kana mulʼifteerta; kanaafuu garbichi kee kadhannaa kana sitti dhiʼeessuuf ija jabina argateera.
2SA 7:28 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati Waaqa! Dubbiin kee amanamaa dha; atis waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.
2SA 7:29 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee haa taʼu; yaa Waaqayyo Gooftaa, ati dubbatteertaatii; eebba keetiinis manni garbicha keetii bara baraan ni eebbifama.”
2SA 8:1 Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; magaalaa Meeteeg Amaa jedhamtus harka Filisxeemotaatii baasee fudhate.
2SA 8:2 Daawit Moʼaabotas ni moʼate. Lafa irra tarree ciibsees funyoon isaan safare. Kanneen tarree galan keessaas funyoo lama lama safaree ajjeese; kanneen funyoo tokko tokko safare immoo akka isaan jiraatan eeyyameef. Kanaafuu Moʼaabonni Daawit jalatti bulanii gibira fidaniif.
2SA 8:3 Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii deebisee dhaabbachuu dhaqetti mooticha Zoobaa, Hadaadezer ilma Rehoob moʼate.
2SA 8:4 Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
2SA 8:5 Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe.
2SA 8:6 Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate. Warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Waaqayyos Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
2SA 8:7 Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide.
2SA 8:8 Daawit Mootichi magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Bexaatii fi Beerootaay keessaa sibiila naasii akka malee baayʼee fudhate.
2SA 8:9 Tooʼiin mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer moʼate dhagaʼetti,
2SA 8:10 akka inni sababii moʼannaa Daawit Mootichi Tooʼiin wal lolaa ture sun waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii isaa Yooraamin gara isaatti erge. Yooraamis kennaawwan meetii irraa, warqee fi naasii irraa hojjetaman fide.
2SA 8:11 Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota biraa kanneen of jala galfatu hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase.
2SA 8:12 Warri inni of jala galfates Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq turan. Boojuu Hadaadezer ilma Rehoob mooticha Zoobaa irraa boojiʼes akkasuma addaan baase.
2SA 8:13 Daawitis erga Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixee deebiʼee booddee beekamaa taʼe.
2SA 8:14 Innis guutummaa Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. Waaqayyos lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne.
2SA 8:15 Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
2SA 8:16 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture.
2SA 8:17 Akkasumas Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo barreessaa ture.
2SA 8:18 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; ilmaan Daawit immoo luboota turan.
2SA 9:1 Daawitis, “Akka ani Yoonaataaniif jedhee arjummaa isaaf godhu namni maatii Saaʼol keessaa hafe amma jiraa?” jedhee gaafate.
2SA 9:2 Yeroo sanatti namicha Ziibaa jedhamu tajaajilaa mana Saaʼol tokkotu ture. Innis akka fuula Daawit duratti dhiʼaatuuf waamame; mootichis, “Ati Ziibaadhaa?” jedheen. Innis, “Eeyyee, ana garbicha kee ti” jedhe.
2SA 9:3 Mootichis, “Akka ani arjummaa Waaqaa isaaf godhuuf namni maatii Saaʼol keessaa hafe tokko iyyuu hin jiruu?” jedhee gaafate. Ziibaa, “Ilmi Yoonaataan tokko jira; miilli isaa lachuus naafa” jedhee mootichaaf deebise.
2SA 9:4 Mootichis, “Inni eessa jira?” jedhee gaafate. Ziibaan deebisee, “Inni iddoo Lodebaar jedhamu mana Maakiir ilma Amiiʼeel jira” jedhe.
2SA 9:5 Kanaafuu Daawit mootichi nama ergee Lodebaar mana Maakiir ilma Amiiʼeeliitii isa fichisiise.
2SA 9:6 Mefiibooshet ilmi Yoonaataan, ilmi Saaʼol yeroo Daawit bira dhufetti ulfina isaaf kennuuf gad jedhe sagadeef. Daawit immoo, “Mefiiboostee!” jedheen. Innis, “Garbichi kee kunoo ti” jedhee deebiseef.
2SA 9:7 Daawitis, “Ani abbaa kee Yoonaataaniif jedhee arjummaa siifin godhaatii hin sodaatin. Ani lafa akaakayyuu keetii, lafa Saaʼol hunda siifin deebisa; atis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaatta” jedheen.
2SA 9:8 Mefiibooshetis harka fuudhee, “Ana garbicha kee nama akka saree duʼeetti ilaalamuuf waan kana gochuun kee maaliif?” jedheen.
2SA 9:9 Mootichis Ziibaa garbicha Saaʼol ofitti waamee akkana jedheen; “Ani ilma ilma gooftaa keetiitiif, waan kan Saaʼolii fi kan maatii isaa taʼe hunda kenneera.
2SA 9:10 Ati, Ilmaan keetii fi tajaajiltoonni kee akka ilmi ilma gooftaa keetii waan nyaatu argatuuf lafa isaaf qotuu qabdu. Mefiibooshet ilmi ilma gooftaa keetiis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaata.” Ziibaan ilmaan kudha shanii fi tajaajiltoota digdama qaba ture.
2SA 9:11 Ziibaanis mootichaan, “Ani garbichi kee waan gooftaan koo mootichi akka ani hojjedhuuf na ajaju hunda nan godha” jedhe. Kanaafuu Mefiibooshet akkuma ilmaan mootii keessaa nama tokkootti maaddii Daawit irraa nyaata ture.
2SA 9:12 Mefiibooshet ilma dargaggeessa Miikaa jedhamu tokko qaba ture; warri mana Ziibaa jiraatan hundi hojjettoota Mefiiboostee turan.
2SA 9:13 Mefiibooshetis sababii yeroo hunda maaddii mootii irraa nyaachaa tureef Yerusaalem keessa jiraata ture; miilli isaa lachuu naafa ture.
2SA 10:1 Ergasiis mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa Haanuunis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2SA 10:2 Daawitis, “Akkuma abbaan isaa naa arjoome sana anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawit gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge. Yommuu namoonni Daawit gara biyya Amoonotaa dhaqanitti,
2SA 10:3 qondaaltonni Amoonotaa Haanuun gooftaa isaaniitiin, “Ati sababii Daawit akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Daawit akka isaan magaalattii qoratanii, basaasanii fi qabataniif gara kee isaan erge mitii?” jedhan.
2SA 10:4 Kanaafuu Haanuun namoota Daawit sana qaqqabee tokkoo tokkoo isaanii irraa hareeda gama tokkoo haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge.
2SA 10:5 Daawit yommuu wanni kun isatti himametti sababii isaan akka malee qaanaʼaniif namoota sanatti ergamoota erge. Mootichis, “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen.
2SA 10:6 Amoononni yommuu akka Daawit isaan xireeffate hubatanitti, Beet Rehoobii fi Suubaadhaa loltoota lafoo kan Sooriyaa kuma digdama, mootii Maʼakaa namoota kuma tokko wajjin akkasumas Xoob irraa namoota kuma kudha lama qaxaratan.
2SA 10:7 Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge.
2SA 10:8 Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa sanaa irratti waraanaaf hiriiran; namoonni Sooriyaa warri Suubaa fi Rehoob, akkasumas namoonni Xoobiitii fi Maʼakaa immoo kophaa isaanii dirree irra turan.
2SA 10:9 Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase.
2SA 10:10 Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti hiriirsee Amoonotatti isaan duulchise.
2SA 10:11 Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati dhuftee na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani dhufee sin gargaara.
2SA 10:12 Jabaadhu; saba keenyaa fi magaalaawwan Waaqa keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. Waaqayyos waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.”
2SA 10:13 Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan.
2SA 10:14 Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Amoonota waraanuu dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.
2SA 10:15 Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti lammata walitti qabaman.
2SA 10:16 Hadaadezeris ergamoota ergee namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiise; isaanis hoogganummaa ajajaa waraana Hadaadezer kan Shoobak jedhamuun gara Heelaam deeman.
2SA 10:17 Daawitis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabatee Yordaanos ceʼee Heelaam dhaqe. Warri Sooriyaas waraanaaf Daawititti hiriiranii isa lolan.
2SA 10:18 Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawitis namoota gaarii waraanaa oofan dhibba torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoobak illee madeesse; innis achumatti duʼe.
2SA 10:19 Mootonni Hadaadezerin tajaajilaa turan hundi yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti, Israaʼeloota wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan. Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu sodaatan.
2SA 11:1 Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti, Daawit tajaajiltoota isaatii fi loltoota Israaʼel hunda wajjin Yooʼaabin erge. Isaanis Amoonota barbadeessanii magaalaa Rabbaa jedhamtu marsan. Daawit garuu Yerusaalemitti hafe.
2SA 11:2 Gaaf tokko galgala Daawit siree isaa irraa kaʼee bantii masaraa mootummaa irra asii fi achi deddeebiʼaa ture. Innis bantii gubbaa dhaabatee dubartii dhagna ishee dhiqattu tokko arge. Dubartiin sun baayʼee bareedduu turte;
2SA 11:3 Daawitis waaʼee ishee beekuuf nama itti erge. Namichi sunis, “Isheen Batisheebaa intala Eliʼaam, niitii Uuriyaa namicha gosa Heet sanaatii mitii?” jedhe.
2SA 11:4 Daawitis nama itti ergee ishee fichisiise. Isheenis gara isaa dhufte; innis ishee wajjin ciise. Isheen xuraaʼummaa ishee irraa qulqullooftee turte. Ergasii gara mana isheetti deebite.
2SA 11:5 Dubartiin sun ulfooftee, “Ani ulfaaʼeera” jettee Daawititti ergaa ergite.
2SA 11:6 Kanaafuu Daawit, “Uuriyaa namicha gosa Heet sana naa ergi” jedhee Yooʼaabitti dhaamsa erge. Yooʼaabis gara Daawititti isa erge.
2SA 11:7 Daawitis yommuu Uuriyaan gara isaa dhufetti waaʼee Yooʼaab, waaʼee loltootaatii fi haala waraanni keessa jiru isa gaafate.
2SA 11:8 Ergasii immoo Daawit Uuriyaan, “Gara mana keetiitti gad buʼiitii miilla kee dhiqadhu” jedhe. Kanaafuu Uuriyaan masaraa mootiitii baʼee deeme; kennaan mootichaas isa faana ergame.
2SA 11:9 Uuriyaan garuu tajaajiltoota gooftaa isaa hunda wajjin karra masaraa mootii dura ciise malee gara mana ofii isaatti gad hin buune.
2SA 11:10 Daawitis yommuu akka Uuriyaan gara mana isaa hin deemin itti himametti, “Ati reefuu karaadhaa dhufte mitii? Maaliif gara mana keetii hin deemne?” jedhee isa gaafate.
2SA 11:11 Uuriyaan immoo Daawitiin, “Taabonnii fi Israaʼel, Yihuudaanis dunkaana keessa jiru; gooftaan koo Yooʼaabii fi namoonni gooftaa koo dirree irra bulu. Egaa ani akkamitti nyaachuu fi dhuguuf, niitii koo wajjinis rafuuf jedhee gara mana koo deema? Duʼa kee ti; ani waan akkasii hin godhu!”
2SA 11:12 Daawit, “Ati harʼas as buliitii ani bor sin geggeessaa” jedheen. Kanaafuu Uuriyaan gaafa sanaa fi guyyaa itti aanu Yerusaalem keessa ture.
2SA 11:13 Daawitis isa affeere; innis fuula isaa duratti nyaatee dhuge; Daawitis isa macheesse. Uuriyaan garuu halkan sana afata isaa irra tajaajiltoota gooftaa isaa gidduu ciisuuf gad baʼe malee gara mana ofii isaa hin deemne.
2SA 11:14 Daawitis lafti bariinaan xalayaa barreessee harkuma Uuriyaatiin Yooʼaabitti erge.
2SA 11:15 Xalayicha keessattis, “Iddoo waraanni itti cimetti Uuriyaa ramadi. Akka inni achitti dhaʼamee duʼuufis isa dhiisaa duubatti deebiʼaa” jedhee barreesse.
2SA 11:16 Kanaafuu Yooʼaab utuu magaalattii marsaa jiruu iddoo akka loltoonni ciccimoon jiran beeketti Uuriyaa ramade.
2SA 11:17 Yommuu namoonni magaalaa sanaa itti gad baʼanii Yooʼaabin lolanitti, loltoota Daawit keessaa namoonni tokko tokko duʼan; Uuriyaan namichi gosa Heet sunis ni ajjeefame.
2SA 11:18 Yooʼaabis guutummaa oduu waaʼee lola sanaa Daawitiif erge.
2SA 11:19 Akkana jedhees ergamaa sana ajaje; “Yommuu ati waaʼee waraana kanaa mootichatti himtee fixxutti,
2SA 11:20 aariin mootichaa ni bobaʼa; innis akkana jedhee si gaafachuu dandaʼa; ‘Isin maaliif loluuf akkas magaalaa sanatti dhiʼaattan? Isin akka isaan dallaa irraa xiyya isinitti darbatan hin beeknee?
2SA 11:21 Eenyutu Abiimelek ilma Yirubesheet sana ajjeese? Dubartiin tokko dallaa irraa majii dhagaa daakuu itti gad dhiiftee Tebeesitti isa hin ajjeefnee? Isin maaliif akkas dallaa sanatti dhiʼaattan?’ Yoo inni waan kana si gaafate, ‘Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi gosa Heet sunis duʼeera’ jedhii itti himi.”
2SA 11:22 Ergamaan sunis kaʼee deemee yommuu achi gaʼetti waan Yooʼaab akka inni itti himu isa ajaje hunda Daawititti hime.
2SA 11:23 Ergamaan sun Daawitiin akkana jedhe; “Namoonni nutti jabaatanii dirreetti gad nutti baʼan; nus ariinee gara karra magaalattiitti isaan deebifne.
2SA 11:24 Ergasiis warri xiyya darbatan dallaa irraa tajaajiltoota keetti darbatan; namoonni mootii tokko tokkos ni duʼan. Tajaajilaan kee Uuriyaan namichi Heet sunis ni duʼe.”
2SA 11:25 Daawitis ergamaa sanaan, “Egaa akkana jedhii Yooʼaabitti himi; ‘Wanni kun abdii si hin kutachiisin; goraadeen yeroo tokko isa tokko, yeroo kaan immoo kan biraa nyaata. Cimsii magaalattii dhaʼiitii balleessi.’ Waan kanas Yooʼaabin jajjabeessuuf jedhi” jedhe.
2SA 11:26 Niitiin Uuriyaa yommuu akka dhirsi ishee duʼe dhageessetti ni boosseef.
2SA 11:27 Erga yeroon booʼichaa darbee booddee Daawit mana ofii isaatti ishee fudhate; isheenis niitii isaa taatee ilma deesseef. Garuu wanni Daawit hojjete sun Waaqayyo hin gammachiisne.
2SA 12:1 Waaqayyos Naataanin gara Daawititti erge. Innis gara Daawit dhufee akkana jedhe; “Namoota lamatu magaalaa tokko keessa jiraata ture; inni tokko sooressa, kaan immoo hiyyeessa ture.
2SA 12:2 Namichi sooressi sun hoolotaa fi loon akka malee baayʼee qaba ture;
2SA 12:3 namichi hiyyeessi sun garuu goromtii hoolaa kan bitate xinnoo tokko malee homaa hin qabu ture; innis goromtii hoolaa sana ni kunuunse; hoolaan sunis isaa fi ijoollee isaa biratti guddatte. Isheen nyaata isaa irraa nyaachaa, dhugaatii isaa irraa dhugaa, bobaa isaa jala ciisaa turte. Goromtiin hoolaa kun isaaf akkuma intala isaa turte.
2SA 12:4 “Gaaf tokko keessummaan tokko mana namicha sooressa sanaa dhufe; namichi sooressi sunis hoolota yookaan loon ofii isaa keessaa tokko fuudhee keessummichaaf nyaata qopheessuu mararsiifate. Qooda kanaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessa sanaa fuudhee keessummaa mana isaa dhufe sanaaf qopheesse.”
2SA 12:5 Daawitis namicha sanatti akka malee aaree Naataaniin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, namichi waan kana godhe sun duʼuu qaba!
2SA 12:6 Namichi sun qooda hoolaa sanaa harka afur baasuu qaba; inni gara laafina malee waan kana godheeraatii.”
2SA 12:7 Naataanis Daawitiin akkana jedhe; “Namichi sun suma! Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera; harka Saaʼol jalaas si baaseera.
2SA 12:8 Ani mana gooftaa keetii siif kenneera; niitota gooftaa keetii illee bobaa keetti siif kenneera. Ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa siif kenneera. Utuu kunneen hundi sitti xinnaatanii silaa kana caalaa iyyuu siifin kenna ture.
2SA 12:9 Ati maaliif waan ija isaa duratti hamaa taʼe hojjechuudhaan dubbii Waaqayyoo tuffatte? Ati Uuriyaa namicha Heet sana goraadeen ajjeeftee niitii isaa fudhatteerta. Ati goraadee Amoonotaatiin isa ajjeefte.
2SA 12:10 Kanaafuu amma sababii ati na tuffattee niitii Uuriyaa namicha Heet sana ofii keetiif fudhatteef goraadeen mana kee irraa hin fagaatu.’
2SA 12:11 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Kunoo, ani manuma kee keessaa waan hamaa sitti nan kaasa; utuma iji kee arguu niitota kee fuudhee fira sitti aanuuf nan kenna; innis guyyuma saafaadhaan isaan wajjin ni ciisa.
2SA 12:12 Ati dhoksaatti akkas goote; ani garuu Israaʼeloota hunda duratti guyyuma saafaadhaan waan kana nan godha.’ ”
2SA 12:13 Kana irratti Daawit Naataaniin, “Ani Waaqayyotti cubbuu hojjedheera” jedhe. Naataan immoo deebisee akkana jedhe; “Waaqayyo cubbuu kee sirraa haqeera; atis hin duutu.
2SA 12:14 Taʼus sababii ati waan kana gochuudhaan Waaqayyoon tuffatteef daaʼimni siif dhalate sun ni duʼa.”
2SA 12:15 Erga Naataan gara mana ofii isaa deemee booddee Waaqayyo daaʼima niitiin Uuriyaa Daawitiif deesse ni dhaʼe; mucichis ni dhibame.
2SA 12:16 Daawitis daaʼima sanaaf Waaqa kadhate. Innis soomee mana isaatti galee halkan hunda lafa rafaa ture.
2SA 12:17 Maanguddoonni mana isaas lafaa isa kaasuuf isa bira dhadhaabatan; inni garuu ni dide; isaan wajjinis homaa hin nyaanne.
2SA 12:18 Daaʼimni sunis guyyaa torbaffaatti ni duʼe. Tajaajiltoonni Daawit akka daaʼimni sun duʼe isatti himuu sodaatan; isaan, “Nu yeroo daaʼimni sun lubbuun jirutti Daawititti dubbannee ture; inni garuu nu dhagaʼuu dide. Amma akkamiin daaʼimni sun duʼeera jennee itti himna? Yoo nu itti himne inni of miidha taʼa” jedhanii yaadanii turaniitii.
2SA 12:19 Daawit akka tajaajiltoonni isaa walitti asaasaa jiran hubatee daaʼimni sun duʼuu isaa beeke. Innis, “Mucichi ni duʼee?” jedhee gaafate. Isaanis, “Eeyyee duʼeera” jedhanii deebisan.
2SA 12:20 Daawitis lafaa kaʼe. Erga dhagna isaa dhiqatee dibatee booddees uffata isaa geeddaratee mana Waaqayyoo seenee waaqeffate. Ergasii immoo gara mana ofii isaatti galee nyaata gaafannaan dhiʼeessaniif; innis ni nyaate.
2SA 12:21 Tajaajiltoonni isaas, “Ati maaliif akkana goota? Yeroo mucichi lubbuun jirutti ni soomte; ni boosses. Amma garuu mucichi duʼeera; ati immoo kaatee nyaatta!” jedhanii isa gaafatan.
2SA 12:22 Innis akkana jedhee deebise; “Ani yeroo mucichi lubbuun turetti nan soome; nan booʼes. Ani, ‘Eenyutu beeka? Waaqayyo garaa naa laafee mucichi ni fayya’ jedhee yaadeen ture.
2SA 12:23 Amma garuu inni duʼeera; yoos ani maaliifin sooma? Ani isa deebisuu nan dandaʼaa? Anatu gara isaa dhaqa malee inni gara koo hin dhufu!”
2SA 12:24 Ergasiis Daawit niitii isaa Batisheebaa ni jajjabeesse; dhaqees ishee wajjin ciise. Isheenis ilma deesseef; maqaa isaas Solomoon jedhanii moggaasan. Waaqayyos isa ni jaallate;
2SA 12:25 Waaqayyo waan isa jaallateef akka inni Yidiidiyaa jedhamee waamamuuf karaa Naataan raajichaatiin dubbii erge.
2SA 12:26 Yeroo sanattis Yooʼaab magaalaa Amoonotaa kan Rabbaa jedhamu waraanee daʼannoo masaraa mootummaa qabate.
2SA 12:27 Yooʼaabis akkana jedhee Daawititti ergamoota erge; “Ani magaalaa Rabbaa waraanee madda bishaan ishee qabadheera.
2SA 12:28 Egaa ati loltoota hafan walitti qabadhuutii magaalattii marsii qabadhu. Yoo kanaa achii ani magaalattii nan fudhadha; isheenis maqaa kootiin moggaafamti.”
2SA 12:29 Kanaafuu Daawit loltoota hunda walitti qabatee dhaqee Rabbaa waraanee qabate.
2SA 12:30 Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; Gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture. Daawitis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee
2SA 12:31 namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe; suphees isaan dhoofsise. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.
2SA 13:1 Yeroo tokko Amnoon ilmi Daawit Taamaarin jaallate; isheen akka malee bareedduu, obboleettii Abesaaloom ilma Daawit sanaa turte.
2SA 13:2 Amnoon sababii jaalala obboleettii isaa Taamaariitiif akka malee dhiphatee dhibame; sababii isheen durba turteef Amnoon waan waanuma tokko illee ishee gochuu dandaʼu hin seene.
2SA 13:3 Amnoon michuu akka malee jalʼaa kan Yoonaadaab jedhamu tokko qaba ture; Yoonaadaab ilma Shimeʼaa obboleessa Daawit.
2SA 13:4 Yoonaadaabis Amnooniin, “Yaa ilma mootii, dhagni kee maaliif guyyuma guyyaan huqqachaa deema? Ati natti hin himtuu?” jedhee gaafate. Amnoon immoo, “Ani Taamaar obboleettii Abesaaloom obboleessa kootii jaalladheera” isaan jedhe.
2SA 13:5 Yehoonaadaabis, “Sobiitii akka nama dhukkubsateetti siree irra ciisi; yommuu abbaan kee si gaafachuu dhufutti, ‘Akka ani harka isheetii nyaadhuuf akka obboleettiin koo Taamaar dhuftee fuula koo duratti nyaata naa qopheessitu nan barbaada’ jedhiin” jedhe.
2SA 13:6 Kanaafuu Amnoon sobee akka nama dhukkubsate tokkootti ciise. Yommuu mootichi isa gaafachuu dhufettis Amnoon, “Akka obboleettiin koo Taamaar dhuftee fuula koo duratti nyaata addaa naaf qopheessitee nyaadhu nan barbaada” jedheen.
2SA 13:7 Daawitis gara manaatti Taamaaritti nama ergee, “Gara mana obboleessa kee Amnoon dhaqiitii waan inni nyaatu qopheessiif” jedhe.
2SA 13:8 Kanaafuu Taamaar kaatee gara mana obboleessa ishee Amnoon kan ciisee ture sanaa dhaqxe. Daakuu xinnoo ishee fuutee bukeessitee fuula isaa duratti tolchite.
2SA 13:9 Ergasiis buddeena tolchite sana eelee irraa fuutee dhiʼeessiteef; inni garuu nyaachuu dide. Amnoon, “Nama hunda narraa baasaa” jedhe. Kanaafuu namni hundi isa biraa baʼe.
2SA 13:10 Ergasiis Amnoon Taamaariin, “Akka ani harka kee irraa nyaadhuuf buddeenicha kutaa ani ciisutti naa fidi” jedhe. Taamaaris buddeena qopheessite sana fuutee Amnoon obboleessa isheetiif lafa inni ciisetti geessite.
2SA 13:11 Inni garuu yommuu isheen nyaata dhiʼeessiteefitti humnaan ishee qabatee, “Yaa obboleettii ko, kottuu na wajjin ciisi” jedheen.
2SA 13:12 Isheen immoo deebiftee akkana jetteen; “Yaa obboleessa ko, waan kana hin godhin! Na hin dirqisiisin. Wanni fokkisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuu hin qabu! Ati waan hamaa kana hin godhin.
2SA 13:13 Ani maalan taʼa? Salphina koos baadhee eessan dhaqa? Ati hoo? Atis Israaʼel keessatti akka gowwaa hamaa tokkootti ilaalamuu kee ti mitii? Maaloo mootichatti himadhu; inni sitti heerumuu na hin dhowwuutii.”
2SA 13:14 Inni garuu ishee dhagaʼuu dide; waan ishee caalaa jabaa taʼeefis humnaan ishee gudeede.
2SA 13:15 Ergasii Amnoon jibba guddaa ishee jibbe; dhugumaan hamma dur ishee jaallate caalaa ishee jibbe. Amnoonis, “Kaʼiitii baʼii deemi!” isheen jedhe.
2SA 13:16 Isheen immoo, “Hin taʼu! Na ariʼuun kee yakka ati duraan natti hojjette caalaa hammaata” jetteen. Inni garuu ishee dhagaʼuu dide.
2SA 13:17 Tajaajilaa ofii isaas waamee, “Dubartii kana narraa baasiitii balbala itti cufi” jedheen.
2SA 13:18 Tajaajilaan isaa sunis gad ishee baasee balbala itti cufe. Isheen uffata faaya adda addaatiin miidhagfame uffattee turte; intallan mootii kanneen dubarran qulqulluu taʼan uffata akkasii uffatu tureetii.
2SA 13:19 Taamaaris mataa isheetti daaraa firfirfattee wandaboo ishee dheeraa faayawwaniin miidhagfame sana tarsaafte. Harka ishees mataa irra kaaʼattee sagalee ol fudhattee booʼaa deemte.
2SA 13:20 Abesaaloom obboleessi ishee, “Amnoon obboleessi kee si wajjin turee? Yaa obboleettii ko, calʼisi; inni obboleessuma kee ti. Waan kana garaatti hin qabatin” jedheen. Taamaaris kophaa ishee mana obboleessa ishee mana Abesaaloom jiraatte.
2SA 13:21 Daawit mootichi yommuu waan kana hunda dhagaʼetti baayʼee aare.
2SA 13:22 Abesaaloom dubbii tolaa yookaan hamaa tokko illee Amnoonitti hin dubbanne; Abesaaloom sababii inni obboleettii isaa Taamaarin salphiseef akka malee Amnoonin jibbee ture.
2SA 13:23 Waggaa lamaa booddee warri hoolota Abesaaloom irraa rifeensa haadan magaalaa Baʼaal Hasoor kan Efreem biratti argamu sana keessa turan; innis akka isaan achi dhaqaniif ilmaan mootii hunda waame.
2SA 13:24 Abesaaloomis gara mootichaa dhaqee, “Namoonni hoolota garbicha keetii irraa rifeensa haadan dhufaniiru. Maaloo mootichii fi qondaaltonni isaa garbicha kee wajjin haa deeman” jedhee kadhate.
2SA 13:25 Mootichi immoo deebisee, “Lakki yaa ilma ko, nu hundinuu deemuu hin qabnu; nu baʼaa qofa sitti taanaa” jedheen. Abesaaloom jabeessee isa kadhatu iyyuu inni isa eebbise malee isa faana hin deemne.
2SA 13:26 Abesaaloomis, “Yoo taʼuu baate, maaloo obboleessi koo Amnoon nu wajjin haa deemu” jedhe. Mootichi immoo, “Inni maaliif si wajjin deema?” jedhee gaafate.
2SA 13:27 Abesaaloom garuu jabeessee isa kadhate; kanaafuu inni Amnoonii fi ilmaan mootichaa kaan isa wajjin erge.
2SA 13:28 Abesaaloom akkana jedhee namoota isaa ajaje; “Dhagaʼaa! Yommuu Amnoon daadhii wayinii dhugee machaaʼutti ani, ‘Amnoonin dhaʼaa’ isiniin jedha; isinis yommuu suma isa ajjeesaa. Hin sodaatinaa. Anatu ajaja kana isinii kenne mitii? Jabaadhaa; jagnoomaas.”
2SA 13:29 Kanaafuu namoonni Abesaaloom waanuma Abesaaloom isaan ajaje sana Amnoonitti hojjetan. Ilmaan mootichaa hundinuus kaʼanii gaangolii isaanii yaabbatanii baqatan.
2SA 13:30 Utuu isaan karaa irra jiranuu oduun, “Abesaaloom ilmaan mootichaa hunda fixeera; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne” jedhu Daawit qaqqabe.
2SA 13:31 Mootichis ol kaʼee uffata isaa tarsaasee lafa ciise; tajaajiltoonni isaa kanneen isa bira dhadhaabatanii turan hundinuus uffata isaanii tatarsaasan.
2SA 13:32 Yoonaadaab ilmi Shimeʼaa ilmi obboleessa Daawit sun garuu akkana jedhe; “Gooftaan koo waan isaan ilmaan mootichaa hunda fixan hin seʼin; Amnoon qofatu duʼe. Kunis waan Abesaaloom erga Amnoon obboleettii isaa Taamaarin humnaan gudeedee jalqabee itti yaadaa turee dha.
2SA 13:33 Gooftaan koo mootichi waaʼee oduu ilmaan mootichaa hundi ajjeefamaniiru jedhu sanaa hin yaaddaʼin; Amnoon qofatu duʼe.”
2SA 13:34 Yeroo kanatti Abesaaloom baqateera. Namichi eegumsaaf dhaabatee tures ol jedhee ilaalee namoota baayʼee daandii Horonaayim kan gaara cina baʼu irra dhufaa jiran arge. Namichi sunis dhaqee, “Ani karaa Horonaayim, cina gaaraatti namoota nan arga” jedhee mootichatti hime.
2SA 13:35 Yoonaadaabis mootichaan, “Kunoo, ilmaan mootichaa dhufanii jiru; wanni kun akkuma garbichi kee jedhe taʼe” jedhe.
2SA 13:36 Akkuma inni dubbatee fixateen ilmaan mootichaa sagalee guddaadhaan booʼaa ol galan. Mootichii fi tajaajiltoonni isaa hundinuus hiqqifatanii booʼan.
2SA 13:37 Abesaaloom garuu baqatee gara ilma Amiihuud, gara Talmaay mooticha Geshuur sanaa dhaqe. Daawit immoo guyyaa hunda ilma isaatiif ni booʼa ture.
2SA 13:38 Abesaaloom erga baqatee Geshuur dhaqee booddee waggaa sadii achi ture.
2SA 13:39 Mootichis duʼa Amnoon irraa jajjabaannaan gara Abesaaloom dhaquuf garaan isaa kakaʼe.
2SA 14:1 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa akka garaan mootichaa Abesaaloom itti deebiʼe beeke.
2SA 14:2 Kanaafuu Yooʼaab gara Teqooʼaatti nama ergee dubartii ogeettii tokko fichisiise. Innis akkana isheedhaan jedhe; “Sobiitii akka nama gadda keessa jiruu taʼi. Wayyaa gaddaa uffadhu; dibata kam iyyuu hin dibatin. Akka dubartii nama duʼe tokkoof guyyaa hedduu gaddite tokkoos taʼi.
2SA 14:3 Mooticha bira dhaqiitii waan kana itti himi.” Yooʼaabis waan isheen dubbattu isheetti hime.
2SA 14:4 Dubartiin sun yommuu Teqooʼaadhaa gara mootichaa dhuftetti ulfina isaaf kennuuf addaan lafatti gombifamtee, “Yaa mootii, na gargaari!” jette.
2SA 14:5 Mootichis, “Ati maal rakkatte?” jedhee ishee gaafate. Isheenis akkana jette; “Sababii dhirsi koo duʼeef ani dhugumaan niitii dhirsa hin qabnee dha.
2SA 14:6 Ani garbittiin kee ilmaan lama qaban ture. Isaanis alatti wal lolan; sababii namni wal irraa isaan dhowwu tokko iyyuu achi hin turiniif inni tokko isa kaan dhaʼee ajjeese.
2SA 14:7 Kunoo, gosti hundi ana garbittii keetti kaʼeera; isaanis, ‘Waan inni obboleessa ofii isaa ajjeeseef akka nu sababii lubbuu obboleessa isaa kan inni ajjeese sanaa isa ajjeefnuuf dabarsii nutti kenni; ergasii dhaaltuu isaa illee ni galaafanna’ jedhu. Isaanis akkasiin akka dhirsi koo maqaa yookaan sanyii lafa irraa hin qabaanneef ibsaa koo tokkicha hafe kana dhaamsu.”
2SA 14:8 Mootichis dubartii sanaan, “Ani waaʼee keetiif ajaja nan dabarsaatii ati mana keetti gali” jedhe.
2SA 14:9 Dubartiin Teqooʼaa sun garuu, “Yaa gooftaa ko, yaa mooticha, yakki sun anaa fi maatii abbaa koo irra haa buʼu; mootichii fi teessoon isaa yakka irraa haa qulqullaaʼan” jette.
2SA 14:10 Mootichis deebisee, “Yoo namni kam iyyuu waan tokko illee sitti dubbate isa natti fidi; innis deebiʼee si hin rakkisu” jedhe.
2SA 14:11 Ishee immoo, “Kanaafuu akka namni haaloo dhiigaa baasu sun ittuma fufee nama biraa ajjeesee akkasiin ilmi koo hin ajjeefamneef mootichi Waaqayyoon Waaqa isaa haa waammatu” jette. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, rifeensi tokkittiin mataa ilma keetii irraa lafa hin buʼu” jedhe.
2SA 14:12 Ergasiis dubartittiin, “Akka ani garbittiin kee gooftaa koo mootichatti dubbii tokkittii dubbadhu naa eeyyami” jette. Innis, “Dubbadhu” jedhee deebise.
2SA 14:13 Dubartittiin immoo akkana jette; “Yoos ati maaliif waan akkasii saba Waaqaatti yaadde? Mootichi ilma isaa kan biyyaa baqate sana hin deebifneetii; akkana jechuun isaa ofitti muruu isaa mitii?
2SA 14:14 Nus akkuma bishaan lafatti dhangalaʼee deebiʼee hin waraabamneetti ni duuna. Waaqni garuu karaa namni biyyaa baqate sun ittiin deebiʼu barbaada malee akka inni isa irraa fagaatee hafu hin fedhu.
2SA 14:15 “Kanaafuu sababii namoonni na sodaachisaniif ani dubbii kana gooftaa koo mootichatti himuuf dhufeera. Garbittiin kees waan kana yaadde; ‘Ani mooticha nan gaafadha; innis waan garbittiin isaa gaafatte tole jedha taʼa.
2SA 14:16 Mootichi waan kana dhagaʼee harka namicha anaa fi ilma koo dhaala Waaqni nuu kenne nu dhabsiisuu yaaluu jalaa garbittii isaa ni baasaatii.’
2SA 14:17 “Ammas garbittiin kee akkana jetti; ‘Sababii gooftaan koo mootichi waan gaarii fi hamaa gargari baasee beekuutti akkuma ergamaa Waaqayyoo taʼeef dubbiin gooftaa koo mootichaa boqonnaa naaf haa kennu. Waaqayyo Waaqni kee si wajjin haa taʼu.’ ”
2SA 14:18 Kana irratti mootichi dubartittiidhaan, “Ati waan ani si gaafadhu kam iyyuu na hin dhoksin” jedhe. Dubartittiinis, “Gooftaan koo mootichi haa dubbatu” jette.
2SA 14:19 Mootichi, “Waan kana hunda keessatti harki Yooʼaab si wajjin jiraa?” jedhee gaafate. Dubartiin sun immoo akkana jettee deebifte; “Yaa gooftaa koo mooticha, duʼa kee ti; dubbii gooftaan koo mootichi dubbatu irraa namni gara mirgaatti yookaan gara bitaatti goruu dandaʼu tokko illee hin jiru. Dhuguma namni akka ani waan kana dubbadhu na ajajee fi kan dubbii kana hundas afaan garbittii keetii keessa kaaʼe Yooʼaabuma garbicha kee ti.
2SA 14:20 Yooʼaab garbichi kee waan kana gochuun isaa haala yeroo ammaa jiru geeddaruuf. Gooftaan koo ogummaa akkuma ogummaa ergamaa Waaqayyoo qaba; inni waan lafa irratti taʼu hunda ni beeka.”
2SA 14:21 Mootichis Yooʼaabiin, “Tole; ani waan kana nan godha. Ati dhaqii Abesaaloom dargaggeessicha fidi” jedhe.
2SA 14:22 Yooʼaabis ulfina isaaf kennuuf addaan gombifamee mooticha eebbise. Yooʼaab, “Sababii mootichi kadhannaa garbicha isaa dhagaʼeef inni akka fuula gooftaa isaa mootichaa duratti fudhatama argate harʼa ni beeka” jedhe.
2SA 14:23 Ergasii Yooʼaab Geshuur dhaqee Abesaaloomin deebisee Yerusaalemitti fide.
2SA 14:24 Mootichi garuu, “Inni gara mana isaa deemuu qaba; inni fuula koo arguu hin qabu” jedhe. Kanaafuu Abesaaloom gara mana isaatti gale; fuula mootichaas hin argine.
2SA 14:25 Guutummaa Israaʼel keessa namni akka Abesaaloom miidhaguma isaatiin baayʼee jajame tokko iyyuu hin turre. Inni mataa isaatii jalqabee hamma faana miilla isaatti hirʼina tokko iyyuu hin qabu ture.
2SA 14:26 Yommuu rifeensi mataa isaa itti ulfaatutti waggaatti yeroo tokko of irraa mura ture; yeroo inni rifeensa mataa isaa kana madaalli mootiitiin madaaluttis rifeensi isaa saqilii dhibba lama ulfaata ture.
2SA 14:27 Abesaaloom ilmaan sadii fi intala tokko dhalche. Maqaan intala sanaa Taamaar jedhama; isheenis dubartii akka malee bareeddu turte.
2SA 14:28 Abesaaloom utuu fuula mootichaa hin argin waggaa lama Yerusaalem keessa jiraate.
2SA 14:29 Ergasii Abesaaloom Yooʼaabin gara mootichaatti erguuf jedhee nama itti erge; Yooʼaab garuu isa bira dhufuu dide. Kanaafuu yeroo lammaffaa nama itti erge; inni garuu dhufuu dide.
2SA 14:30 Ergasiis Abesaaloom hojjettoota isaatiin, “Ilaa, lafti qotiisaa Yooʼaab lafa qotiisaa kootti aana; innis garbuu achii qaba. Dhaqaatii ibidda itti qabsiisaa” jedhe. Kanaafuu hojjettoonni Abesaaloom dhaqanii lafa qotiisaa sanatti ibidda qabsiisan.
2SA 14:31 Kana irratti Yooʼaab gara mana Abesaaloom dhaqee, “Hojjettoonni kee maaliif lafa qotiisaa kootti ibidda qabsiisan?” jedheen.
2SA 14:32 Abesaaloomis deebisee Yooʼaabiin akkana jedhe; “Kunoo ani akka ati, ‘Inni, “Ani maaliifin Geshuurii dhufe? Utuun hamma ammaatti achuma jiraadhee naaf wayya ture!” jedha’ jettee mootichatti naaf himtuuf gara mootichaatti si ergachuuf, na bira kottu jedhee sitti dhaammadheen ture. Ani amma illee fuula mootichaa arguun fedha; yoo ani yakka tokko illee hojjedhee jiraadhe inni na haa ajjeesu.”
2SA 14:33 Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee waan kana itti hime. Mootichis Abesaaloomin waamsise; innis dhufee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifame. Mootichis Abesaaloomin dhungate.
2SA 15:1 Kana irratti Abesaaloom gaarii lolaatii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama ofii isaatiif qopheeffate.
2SA 15:2 Innis ganamaan kaʼee daandii gara karra magaalaatti nama geessu irra dhaabata ture. Yeroo namni kam iyyuu iyyata isaa mootii duratti dhiʼeeffatee murtii argachuuf dhufutti, Abesaaloom ofitti isa waamee, “Ati magaalaa kamii dhufte?” jedhee gaafata. Namni sunis, “Garbichi kee gosoota Israaʼel keessaa gosa tokko keessaa dhufa” jedhee deebisaaf.
2SA 15:3 Ergasiis Abesaaloom, “Kunoo iyyanni kee dhugaa fi qajeelaa dha; garuu akka inni si dhagaʼuuf namni mootiin iddoo buufate tokko iyyuu hin jiru” jedhaan.
2SA 15:4 Abesaaloomis itti dabalee, “Maal qaba, utuu ani biyya kanatti abbaa murtii taʼee! Silaa namni iyyata yookaan himata qabu kam iyyuu na bira dhufee anis murtii qajeelaa isaaf nan kennan ture” jedha.
2SA 15:5 Akkasumas yeroo namni tokko fuula isaa duratti jilbeenfachuuf gara isaa dhufutti Abesaaloom harka diriirfatee ol isa qabuudhaan isa dhungata.
2SA 15:6 Abesaaloom akkasiin Israaʼeloota murtii qajeelaa argachuuf gara mootii dhufan hunda simachuudhaan garaa namoota Israaʼel hate.
2SA 15:7 Abesaaloomis gara dhuma waggaa afuraffaatti mootichaan akkana jedhe; “Akka ani Kebroon dhaqee wareega Waaqayyoof wareegee ture tokko dhiʼeessuuf naaf eeyyami.
2SA 15:8 Ani garbichi kee yeroon biyya Sooriyaa keessa Geshuur jiraachaa turetti, ‘Yoo Waaqayyo gara Yerusaalemitti na deebise, ani Kebroonitti Waaqayyoof nan sagada’ jedhee wareega kana wareegeen ture.”
2SA 15:9 Mootichis, “Nagaan deemi” jedheen. Kanaafuu Abesaaloom gara Kebroon deeme.
2SA 15:10 Abesaaloom garuu akka isaan, “Isin akkuma sagalee malakataa dhageessaniin, ‘Abesaaloom Kebroonitti mootii taʼeera’ jedhaa” jedhaniif guutummaa gosoota Israaʼel keessa dhoksaadhaan ergamoota bobbaase.
2SA 15:11 Namoonni dhibbi lama Yerusaalemii baʼanii Abesaaloom faana buʼan. Isaan akka keessummaatti affeeramanii calʼisaniituma deeman malee waaʼee dhimma sanaa waan tokko illee quba hin qaban ture.
2SA 15:12 Abesaaloom yeroo aarsaa dhiʼeessutti namichi gosa Giiloo kan Ahiitofel jedhamu, gorsaan Daawit akka magaalaa isaa Giiloodhaa dhufuuf waamsise. Kanaafuu fincilli sun jabaatee duukaa buutonni Abesaaloomis baayʼachaa dhufan.
2SA 15:13 Ergamaan tokkos Daawit bira dhufee, “Garaan namoota Israaʼel gara Abesaaloom itti deebiʼee jira” jedhee itti hime.
2SA 15:14 Ergasiis Daawit qondaaltota isaa warra isa wajjin Yerusaalem keessa turaniin akkana jedhe; “Kaʼaa ni baqannaa! Yoo kanaa achii tokkoon keenya iyyuu Abesaaloom jalaa hin baanu. Dafnee asii deemuu qabna; yoo kanaa achii inni ariitiidhaan dhufee nu qaqqabee nu balleessaatii; magaalattii illee goraadeedhaan dhaʼa.”
2SA 15:15 Qondaaltonni mootichaas, “Nu tajaajiltoonni kee waan gooftaan keenya mootichi murteesse kam iyyuu gochuuf qophaaʼoo dha” isaan jedhan.
2SA 15:16 Kanaafuu mootichi warra mana isaa jiraatan hunda of faana fudhatee qajeele; saajjatoowwan isaa kudha garuu akka isaan masaraa mootii eeganiif achumatti dhiise.
2SA 15:17 Mootichis akkasiin namoota hunda of faana fudhatee baʼe; isaanis xinnoo achi fagaatanii iddoo tokko dhadhaabatan.
2SA 15:18 Namoonni isaa hundinuu Kereetotaa fi Pheletota hunda wajjin mooticha dura qajeelan; akkasumas Gaatonni dhibba jaʼa kanneen Gitii isa faana baʼanis fuula mootichaa dura darban.
2SA 15:19 Mootichis Itaayi namicha Gitii sanaan akkana jedhe; “Ati maaliif nu faana dhufta? Deebiʼiitii Abesaaloom mooticha wajjin turi. Ati keessummaa biyya keetii boojiʼamtee dhuftee dha.
2SA 15:20 Ati kaleessuma dhufte. Egaa ani utuun ofii kootiifuu garan dhaqu hin beekin akka ati nu faana joortun si godhaa? Amma beenuu namoota biyya keetii fudhadhuutii deebiʼi. Gara laafinnii fi amanamummaan si wajjin haa taʼan.”
2SA 15:21 Itaayi garuu deebisee mootichaan, “Dhugaa Waaqayyo jiraataatii fi duʼa gooftaa koo mootichaa, jireenyas taʼu duʼa taanaan ani tajaajilaan kee gara gooftaan koo mootichi deemu kam iyyuu nan deema” jedhe.
2SA 15:22 Daawit immoo Itaayiin, “Yoos darbii fuula duratti deemi” jedhe. Kanaafuu Itaayi namichi Gitii sun namoota isaatii fi maatii isaa kanneen isa wajjin turan hunda fudhatee deeme.
2SA 15:23 Yeroo namoonni sun hundi darbanittis warri baadiyyaa jiraatan hundi sagalee ol fudhatanii booʼan. Mootichis Sulula Qeedroon ceʼee deeme; namoonni hundinuus ceʼanii gara gammoojjiitti qajeelan.
2SA 15:24 Zaadoqis achi ture; Lewwonni isa wajjin turan hundinuu taabota kakuu Waaqaa baatanii turan; isaanis taabota Waaqaa lafa kaaʼan; Abiyaataar immoo hamma namoonni hundi magaalaa keessaa baʼanitti aarsaa dhiʼeesse.
2SA 15:25 Ergasii mootichi Zaadoqiin akkana jedhe; “Ati taabota Waaqaa fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi. Yoo ani fuula Waaqayyoo duratti surraa argadhee jiraadhe, inni deebisee na fidee taabota sanaa fi lafa ofii jiraatu na argisiisa.
2SA 15:26 Garuu yoo inni, ‘Ani sitti hin gammanne’ naan jedhe, ani qophaaʼaa dha; inni waan fedhe na haa godhu.”
2SA 15:27 Mootichis Zaadoq lubichaan, “Ati nama mulʼataan waa argu mitii? Egaa ilma kee Ahiimaʼazin akkasumas Yoonaataan ilma Abiyaataar fudhadhuutii nagaan gara magaalaatti deebiʼi. Atii fi Abiyaataar ilmaan keessan lamaan fudhadhaatii deemaa.
2SA 15:28 Ani immoo hamman dhaamsa kee dhagaʼutti malkaa gammoojjii keessaa bira nan tura.”
2SA 15:29 Kanaafuu Zaadoqii fi Abiyaataar taabota Waaqaa sana fuudhanii Yerusaalemitti deebiʼanii achuma turan.
2SA 15:30 Daawit garuu Gaara Ejersaatti ol baʼe; yeroo ol baʼuttis booʼaa deemaa ture; innis mataa isaa haguuggatee kophee malee deema ture. Namoonni isa wajjin turan hundinuus mataa isaanii haguuggatanii booʼaa deemu turan.
2SA 15:31 Yeroo kanatti, “Ahiitofelis warra Abesaaloom wajjin fincilan keessaa tokkoo dha” jedhamee Daawititti himame. Kanaafuu Daawit, “Yaa Waaqayyo, gorsa Ahiitofel sana jalaa busheessi” jedhee Waaqa kadhate.
2SA 15:32 Yeroo Daawit iddoo wal gaʼii iddoo itti namoonni Waaqa waaqeffatan gaʼettis Huushaayi namichi gosa Arkii sun wandaboo ofii tarsaasee daaraa mataatti firfirfatee isa simachuuf baʼe.
2SA 15:33 Daawitis akkana jedheen, “Ati yoo na wajjin deemte baʼaa natti taata.
2SA 15:34 Garuu yoo gara magaalaatti deebitee Abesaaloomiin, ‘Yaa mootii, ani duraan garbicha abbaa keetiin ture; amma garuu garbicha kee nan taʼa’ jettee gorsa Ahiitofel busheessite na gargaaruu dandeessa.
2SA 15:35 Zaadoqii fi Abiyaataar luboonni suma wajjin achi jiraatu mitii? Ati waan masaraa mootiitii dhageessu hunda isaanitti himi.
2SA 15:36 Ilmaan isaanii lamaan Ahiimaʼaz ilmi Zaadoqii fi Yoonaataan ilmi Abiyaataar isaanuma wajjin achi jiraatan. Ati waan dhageessu hunda harka isaaniitiin naa ergi.”
2SA 15:37 Kanaafuu Huushaayi michuun Daawit utuma Abesaaloom Yerusaalem seenaa jiruu achi gaʼe.
2SA 16:1 Daawit fiixee gaarichaa darbee xinnoo erga deemee booddee Ziibaan tajaajilaan Mefiibooshet harroota lamatti buddeena dhibba lama, bixxillee ija wayinii dhibba tokko, bixxillee ija harbuu dhibba tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko feʼee isa simachuuf itti dhufe.
2SA 16:2 Mootichis, “Kana hunda maaliif fidde?” jedhee Siibaa gaafate. Ziibaan immoo, “Harroota akka maatiin mootichaa Yaabbataniif, buddeenaa fi bixxillee ija wayinii akka namoonni nyaataniif, daadhii wayinii immoo akka warri gammoojjii keessatti dadhaban ittiin bayyanataniif” jedhee deebise.
2SA 16:3 Mootichis, “Ilmi ilma gooftaa keetii eessa jira?” jedhee gaafate. Ziibaan immoo deebisee, “Inni waan, ‘Manni Israaʼel harʼa mootummaa akaakayyuu kootii naa deebisa’ jedhee yaaduuf Yerusaalem keessa jiraata” jedhe.
2SA 16:4 Mootichis Ziibaadhaan, “Wanni kan Mefiibooshet taʼe hundinuu amma kan kee ti” jedhe. Ziibaanis, “Ani akkan fuula gooftaa kootii, fuula mootichaa duratti surraa argadhuuf ofi qabeen si kadhadha” jedhe.
2SA 16:5 Akkuma Daawit mootichi Bahuuriim gaʼeen namichi balbala maatii Saaʼol tokko itti dhufe. Maqaan isaas Shimeʼii ilma Geeraa ti; namichi kunis Daawitin abaaraa gad baʼe.
2SA 16:6 Innis utuma qondaaltonnii fi waardiyyoonni Daawit hundinuu mirgaa fi bitaan Daawitin marsanii jiranuu hunda isaaniitti dhagaa darbachaa ture.
2SA 16:7 Shimeʼiinis akkana jedhee isa abaaraa ture; “Asii baʼi; asii baʼi; ati nama dhiigaa ti; namicha hamaa nana!
2SA 16:8 Waaqayyo dhiiga mana Saaʼol kan ati iddoo isaa buutee moote sanaa hundaaf gatii kee siif kenneera. Waaqayyo mootummaa kee sirraa fuudhee ilma kee Abesaaloomiif kenneera. Ati sababii nama dhiigaa taateef ni badda!”
2SA 16:9 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa mootichaan, “Sareen duʼaan kun maaliif gooftaa koo mooticha abaara? Ani dhaqeen mataa isaa irraa kuta” jedhe.
2SA 16:10 Mootichi garuu akkana jedhe; “Yaa ilmaan Zeruuyaa, anii fi isin maal wal irraa qabna? Yoo inni sababii Waaqayyo, ‘Ati Daawitin abaari’ isaan jedheef na abaare eenyutu, ‘Ati maaliif waan kana goota?’ jedhee isa gaafachuu dandaʼa?”
2SA 16:11 Ergasii Daawit Abiishaayii fi qondaaltota isaa hundaan akkana jedhe; “Ilmi koo kan gudeeda kootii baʼe iyyuu lubbuu koo balleessuu barbaada. Yoos namichi gosa Beniyaam kun hammam kana caalaa hin goone ree! Isa dhiisaa; waan Waaqayyo isa ajajeef inni na haa abaaru.
2SA 16:12 Tarii Waaqayyo dhiphina koo argee abaarsa ani harʼa abaaramaa jiru kana waan gaariitti naa geeddara taʼaa.”
2SA 16:13 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa karaa isaanii itti fufan; Shimeʼiin immoo isa abaaraa, dhagaa itti darbachaa, awwaaras itti bittinneessaa fuullee isaatiin gaara cina deemaa ture.
2SA 16:14 Mootichii fi namoonni isa wajjin turan hundi dadhabbii guddaadhaan dhufanii achitti aara galfatan.
2SA 16:15 Yeroo kanattis Abesaaloomii fi namoonni Israaʼel hundi gara Yerusaalem dhufan; Ahiitofelis isa wajjin ture.
2SA 16:16 Huushaayi namichi gosa Arkii michuun Daawit sun Abesaaloom bira dhaqee, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Yaa mootii bara baraan jiraadhu!” jedheen.
2SA 16:17 Abesaaloomis, “Jaalalli ati michuu keetiif qabdu kanaa? Ati maaliif michuu kee wajjin hin deemne?” jedhee Huushaayin gaafate.
2SA 16:18 Huushaayi immoo Abesaaloomiin akkana jedhe; “Lakki; ani kan nama Waaqayyo, sabni kunii fi namoonni Israaʼel hundi filatanii nan taʼa; isa wajjinis nan jiraadha.
2SA 16:19 Kanaa achi ani eenyun tajaajila? Ani Ilma tajaajiluu hin qabuu? Ani akkuman abbaa kee tajaajile sana siʼi illee nan tajaajila.”
2SA 16:20 Abesaaloomis Ahiitofeliin, “Mee nu gorsi. Nu maal gochuu qabna?” jedhe.
2SA 16:21 Ahiitofelis deebisee, “Ol seeniitii saajjatoowwan abbaa keetii kanneen inni akka isaan masaraa mootii eeganiif dhiisee biraa deeme wajjin ciisi. Ergasii Israaʼeloonni hundi akka ati abbaa kee jibbite dhagaʼanii, harki warra si wajjin jiran hundaas ni jabaataa” jedheen.
2SA 16:22 Kanaafuu bantii manaa irra Abesaaloomiif dunkaana dhaaban; innis Israaʼeloota hunda duratti saajjatoowwan abbaa isaa wajjin ciise.
2SA 16:23 Bara sanatti gorsi Ahiitofel kennaa ture akkuma waan namni tokko Waaqa gaafatuutti ilaalama ture. Akki itti Daawitis taʼu Abesaaloom gorsa Ahiitofel hunda dhagaʼaa turan kanaa dha.
2SA 17:1 Ahiitofelis Abesaaloomiin akkana jedhe; “Ani namoota kuma kudha lama filadhee halkanuma kana Daawitin nan ariʼa.
2SA 17:2 Anis yeroo inni dadhabee laafutti isa nan dhaʼa. Sodaa itti buusee akka namoonni isa wajjin jiran hundis baqatan nan godha. Ani mooticha qofa dhaʼee
2SA 17:3 namoota isaa hundas deebisee sittin fida. Duuti namicha ati barbaaddu sanaa deebiʼuu nama hundaa ti jechuu dha; ergasii namoonni hundinuu nagaan jiraatu.”
2SA 17:4 Karoorri kunis Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel hundatti waan gaarii fakkaate.
2SA 17:5 Abesaaloom garuu, “Mee Huushaayi namicha gosa Arkii sanas waamaatii waan inni jedhu haa dhageenyu” jedhe.
2SA 17:6 Abesaaloom yeroo Huushaayi isa bira dhufetti, “Ahiitofel gorsa kana nuu kenneera. Waan inni jedhe kana haa goonuu? Yoo taʼuu baate immoo yaada kee nuu kenni” jedheen.
2SA 17:7 Huushaayis deebisee Abesaaloomiin akkana jedhe; “Gorsi Ahiitofel kenne yeroo kanatti gaarii miti.
2SA 17:8 Ati abbaa keetii fi namoota isaa ni beekta; isaan loltootaa fi warra akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamteetti nama sodaachisanii dha. Kana irratti abbaan kee muuxannoo waraanaa guddaa qaba; inni halkan halkan loltoota bira hin bulu.
2SA 17:9 Amma illee inni holqa keessa yookaan lafa biraa dhokatee jira taʼa. Yoo inni duraan dursee loltoota kee dhaʼe, namni waaʼee kanaa dhagaʼu kam iyyuu, ‘Loltoonni Abesaaloom duuka buʼan ni dhuman’ jedhee odeessa.
2SA 17:10 Ergasii immoo sababii Israaʼeloonni hundinuu akka abbaan kee nama waraanaa taʼee fi akka warri isa wajjin jiranis jajjaboo taʼan beekaniif loltoonni ciccimoon warri onneen isaanii akka onnee leencaa taʼe sodaadhaan dhuman.
2SA 17:11 “Egaa wanni ani si gorsu kana: Israaʼeloonni lakkoobsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu kanneen Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi si biratti walitti haa qabamaniitii ati isaan dura buʼii lolatti seeni.
2SA 17:12 Akkasiin lafa inni jirutti isa dhoofna; akkuma Fixeensi ganamaa lafa irra buʼuttis isa irra buuna. Innis taʼu namoonni isaa tokko iyyuu lubbuun hin hafan.
2SA 17:13 Yoo inni gara magaalaa sanaatti baqates, Israaʼeloonni hundinuu funyoo fidanii hamma dhagaan xinnaan tokko hin hafnetti magaalaa sana gara sululaatti harkifna.”
2SA 17:14 Abesaaloomii fi Israaʼeloonni hundinuu, “Gorsa Ahiitofel caalaa gorsa Huushaayi namicha gosa Arkii sanaatu wayya” jedhan. Waaqayyo Abesaaloomitti badiisa fiduuf jedhee gorsa Ahiitofel gaarii sana faayidaa dhabsiiseeraatii.
2SA 17:15 Huushaayiis akkana jedhee Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti hime; “Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel gorsee ture; ani garuu, ‘Akkanaa fi akkana godhaa’ jedheen isaan gorse.
2SA 17:16 Amma gara Daawititti ergamoota ergaatii, ‘Ati halkan kana holqawwan gammoojjii keessa hin bulin; utuu hin turin ceʼii deemi; yoo kanaa achii mootichii fi namoonni isa wajjin jiran hundinuu ni liqimfamtu’ jedhaa itti himaa.”
2SA 17:17 Yeroo sanattis Yoonaataanii fi Ahiimaʼaz iddoo Een Roogeel jedhamu turan. Intalli xomboreen tokko dhaqxee isaanitti himti turte; isaan immoo dhaqanii Daawit mootichatti himu turan; isaan akka yeroo magaalaa seenanitti hin argamneef of eeggachaa turaniitii.
2SA 17:18 Garuu dargaggeessi tokko isaan argee Abesaaloom itti hime. Kanaafuu lamaan isaanii iyyuu dafanii achii baʼanii mana namicha Bahuuriim keessa jiraatu tokkoo seenan. Namichi kunis dallaa isaa keessaa boolla qaba ture; isaanis boolla sana keessa lixan.
2SA 17:19 Niitiin namicha sanaas afaan boollichaa gubbaa waa diriirsitee midhaan achi irra afte. Namni tokko iyyuu waan kana hin beekne.
2SA 17:20 Namoonni Abesaaloom yommuu dubartittii bira mana dhufanitti, “Ahiimaʼazii fi Yoonaataan meerre?” jedhanii gaafatan. Dubartittiinis, “Isaan laga ceʼanii deemaniiru” jettee isaaniif deebifte. Jarris barbaadanii isaan dhaban; kanaafuu Yerusaalemitti deebiʼan.
2SA 17:21 Erga namoonni Abesaaloom deemanii booddee Ahiimaʼazii fi Yoonaataan boolla keessaa ol baʼanii Daawit mootichatti himuu dhaqan. Isaanis, “Ammuma kana kaʼiitii laga ceʼi; Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee sirratti isaan gorseeraa” jedhaniin.
2SA 17:22 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa hundi kaʼanii Yordaanosin ceʼan. Yeroo lafti bariitetti namni utuu Yordaanosin hin ceʼin hafe tokko iyyuu hin turre.
2SA 17:23 Ahiitofelis yommuu akka gorsi isaa fudhatama dhabe beeketti harree isaa feʼatee gara magaalaa iddoo mana jireenya isaatti qajeele. Innis erga mana isaa tottolfatee booddee of fannise. Akkasiinis duʼee awwaala abbaa isaa keessatti awwaalame.
2SA 17:24 Daawit gara Mahanayiim deeme; Abesaaloom immoo namoota Israaʼel hunda wajjin Yordaanosin ceʼe.
2SA 17:25 Abesaaloomis Amaasaa qooda Yooʼaab ajajaa loltootaa godhee muude; Amaasaan kun ilma namicha gosa Israaʼel kan Yitraa jedhamu isa Abiigayiil haadha Yooʼaab, obboleettii Zeruuyaa, intala Naaʼaash sana fuudhee ture.
2SA 17:26 Israaʼeloonnii fi Abesaaloom biyya Giliʼaad keessa qubatan.
2SA 17:27 Yommuu Daawit Mahanayiim gaʼettis, Shoobiin ilmi Naahaash namichi gosa Amoon kan Rabbaadhaa dhufe, Maakiir ilmi Amiiʼeel kan Lodebaarii dhufee fi Barzilaayiin namichi gosa Giliʼaad kan Rogeliimii dhufe
2SA 17:28 afata, waciitii fi miʼoota suphee irraa hojjetaman fidan. Akkasumas akka isaan nyaataniif qamadii fi garbuu, daakuu fi akaayii, baaqelaa fi misira,
2SA 17:29 dammaa fi itittuu, hoolotaa fi baaduu aannan loon Daawitii fi namoota isaatiif fidan. Isaanis, “Namoonni lafa gammoojjiitti beelaʼaniiru, dadhabaniiru, dheebotaniirus” jedhanii turaniitii.
2SA 18:1 Daawit namoota isa wajjin turan lakkaaʼee ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa muudeef.
2SA 18:2 Daawitis harka sadii keessaa harka tokko ajaja Yooʼaab jalatti, harka tokko ajaja Abiishaayi obboleessa Yooʼaab ilma Zeruuyaa jalatti, harka tokko immoo ajaja Itaayii namicha Gitii jalatti hiriirsee bobbaase. Mootichis loltootaan, “Ani mataan koo dhugumaan isin wajjin nan baʼa” jedhe.
2SA 18:3 Namoonni garuu akkana jedhaniin; “Ati deemuu hin qabdu; yoo nu baqachuuf dirqamne isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; yoo walakkaan keenyas dhumne isaaniif homaa miti; ati garuu nama akka keenyaa kuma kudhan caalta. Kanaafuu ati yoo magaalaa keessa turtee nu gargaarte wayya.”
2SA 18:4 Mootichis, “Ani waan gaarii isinitti fakkaate kam iyyuu nan godha” jedhee deebise. Kanaafuu mootichi yeroo loltoonni hundi garee dhibbaatii fi garee kumaatiin qajeelanitti karra bira dhaabachaa ture.
2SA 18:5 Mootichis Yooʼaab, Abiishaayii fi Itaayiin, “Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessichaaf garaa laafaa” jedhee ajaje. Loltoonni hundinuus ajaja Daawit waaʼee Abesaaloom ajajjootaaf kenne dhagaʼan.
2SA 18:6 Loltoonnis Israaʼelin waraanuuf dirree waraanaatti baʼan; lollis bosona Efreem keessatti kaʼe.
2SA 18:7 Achittis loltoonni Israaʼel loltoota Daawitiin dhaʼaman; hubaatiin gaafasiis akka malee guddaa ture; namoota kuma digdamatu dhume.
2SA 18:8 Lolli sunis guutummaa baadiyyaatti babalʼate; namoota goraadeen fixe caalaa kan bosonni liqimsee hambisetu baayʼata.
2SA 18:9 Abesaaloom yeroo kanatti akka tasaa namoota Daawititti dhufe. Innis gaangoo isaa yaabbatee deemaa ture; utuma gaangoon isaa dameelee gobbuu qilxuu guddaa tokkoo jala darbaa jirtuu mataan Abesaaloom muka keessatti qabame. Innis qilleensa irratti rarraʼee hafe; gaangoon inni yaabbatee ture sun garuu deemsa ishee ittuma fufte.
2SA 18:10 Namichi tokko yommuu waan kana argetti, “Ani akka Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee jiru ammuma argeera” jedhee Yooʼaabitti hime.
2SA 18:11 Yooʼaabis namicha waan kana isatti himeen, “Maal jetta! Ati isa argiteertaa? Maaliif achumatti rukuttee lafaan isa dhaʼuu dhiifte? Silaa ani meetii saqilii kudhanii fi sabbata jagnummaa sin badhaasa turee” jedhe.
2SA 18:12 Namichi sun garuu, akkana jedhee deebise; “Utuu saqiliin kuma tokko harka kootti naaf safaramee iyyuu ani ilma mootiitti harka koo ol hin fudhadhu. Mootichi utuu nu dhageenyuu siʼi, Abiishaayii fi Itaayiin, ‘Anaaf jedhaatii Abesaaloom dargaggeessicha eegaa’ jedhee ajajeera.
2SA 18:13 Karaa biraa immoo utuu ani kutadhee lubbuu isaa balleessee, sababii wanti mooticha duraa dhokatu tokko iyyuu hin jirreef ati mataan kee iyyuu natti hin dhiʼaattu ture.”
2SA 18:14 Yooʼaabis, “Kana booddee ani haala kanaan si wajjin yeroo balleessuu hin qabu” jedhe. Kanaafuu ankaasee sadii harkatti qabatee utuma Abesaaloom muka qilxuutti rarraʼee lubbuun jiruu garaa isaatti dire.
2SA 18:15 Warri Yooʼaabiif miʼa lolaa baatan kurnanis itti naannaʼanii Abesaaloomin dhaʼanii ajjeesan.
2SA 18:16 Kana irratti Yooʼaab malakata afuufe; loltoonnis sababii inni isaan dhowweef Israaʼelin ariʼuu ni dhiisan.
2SA 18:17 Isaanis reeffa Abesaaloom fuudhanii bosona keessatti boolla guddaa tokkotti darbatanii dhagaa gurguddaa isa irra tuulan. Yeroo kanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatan.
2SA 18:18 Abesaaloom yeroo lubbuun turetti, “Ani ilma maqaa koo waamsisu hin qabu” jedhee iddoo Sulula Mootii jedhamutti yaadannoo ofiitiif soodduu dhaabbate. Soodduu sanas maqaa ofii isaatiin moggaase. Hamma harʼaatti illee soodduun sun Soodduu Abesaaloom jedhamee waamama.
2SA 18:19 Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq, “Ani dhaqee akka Waaqayyo harka diinota isaa jalaa isa baase mootichatti nan hima” jedhe.
2SA 18:20 Yooʼaab immoo, “Namni harʼa dhaqee himu siʼii miti; sababii ilmi mootichaa duʼeef ati yeroo biraa dhaqxee itti himta; garuu harʼa waan kana gochuu hin qabdu” jedheen.
2SA 18:21 Ergasiis Yooʼaab Kuushiidhaan, “Dhaqiitii waan argite mootichatti himi” jedhe. Kuushiinis fuula Yooʼaab duratti gad jedhee harka fuudhee fiigaa qajeele.
2SA 18:22 Ahiimaʼaz ilmi Zaadoq ammas Yooʼaabiin, “Wanni fedhe haa dhufu; maaloo anis Kuushii faana nan fiiga” jedhe. Yooʼaab garuu, “Yaa ilma ko, ati maaliif dhaquu barbaadda? Ati oduu badhaasa siif kennisiisu tokko iyyuu hin qabdu” jedheen.
2SA 18:23 Inni immoo, “Wanni fedhe haa dhufu; ani fiiguu nan barbaada” jedhe. Kanaafuu Yooʼaab, “Fiigi!” jedheen. Ergasii Ahiimaʼaz karaa dirreetiin fiigee Kuushii bira darbe.
2SA 18:24 Adoo Daawit karra alaatii fi kan keessaa gidduu taaʼee jiruu eegduun karaa dhaaba gubbaa manaatiin karaatti ol baʼe. Innis achi ilaalee nama kophaa isaa fiigu tokko arge.
2SA 18:25 Eegduun sunis mooticha waamee waan kana itti hime. Mootichis, “Inni yoo kophaa isaa taʼe, oduu gaarii fiduu qaba” jedhe. Namichi sunis dhiʼaachaa dhufe.
2SA 18:26 Ergasiis eegduun sun utuu namni biraa fiiguu argee eegduu karraa waamee, “Kunoo namni biraa tokko kophaa isaa fiigaa jira!” jedheen. Mootichis, “Innis oduu gaarii fiduu qaba” jedhe.
2SA 18:27 Eegduun sunis, “Inni jalqabaa waan akka Ahiimaʼaz ilma Zaadoqitti fiigu natti fakkaata” jedhe. Mootichi immoo, “Inni nama gaarii dha; oduu gaarii fidee dhufa” jedhe.
2SA 18:28 Ahiimaʼaz mooticha waamee, “Wanni hundinuu gaarii dha” jedhe; fuula mootichaa durattis addaan lafatti gombifamee, “Waaqayyo Waaqni kee galata haa argatu; inni warra gooftaa koo mootichatti harka isaanii ol fudhatan dabarsee kenneeraatii” jedhe.
2SA 18:29 Mootichi immoo, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate. Ahiimaʼazis, “Yeroo Yooʼaab garbicha mootichaatii fi ana garbicha kee erguuf kaʼetti raafama guddaatu ture. Garuu wanni sun maal akka taʼe ani hin beeku” jedhee deebise.
2SA 18:30 Mootichis, “As hiiqii dhaabadhu” jedhe. Kanaafuu inni achi hiiqee dhaabate.
2SA 18:31 Ergasiis Kuushiin dhufee, “Gooftaa koo yaa mootii, oduu gammachiisaa dhagaʼi! Waaqayyo harʼa warra sitti kaʼan hunda jalaa si baaseera” jedhe.
2SA 18:32 Mootichis Kuushiidhaan, “Abesaaloom dargaggeessichi jalaa baʼeeraa?” jedhee gaafate. Kuushiinis, “Diinonni gooftaa koo mootichaatii fi warri si miidhuuf sitti kaʼan hundi akkuma dargaggeessa sanaa haa taʼan” jedhee deebise.
2SA 18:33 Mootichi ni hollate. Kutaa manaa kan karra duraa gubbaattis ol baʼee booʼe. Yommuu ol baʼuttis, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Ilma ko, ilma koo Abesaaloom! Utuu qooda kee ani duʼee jiraadhee; yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma ko!” jedhe.
2SA 19:1 Yooʼaabittis, “Daawit mootichi Abesaaloomiif booʼuu fi gadduutti jira” jedhamee himame.
2SA 19:2 Sababii guutummaan loltootaa oduu, “Mootichi ilma isaatiif gaddaa jira” jedhu dhagaʼeef moʼichi gaafa sanaa gaddatti geeddarame.
2SA 19:3 Gaafa sana sabni hundis akkuma loltoota moʼatamanii qaanaʼuudhaan baqatanii magaalaa seenaniitti qaanaʼee magaalaa seene.
2SA 19:4 Mootichis fuula isaa haguuggatee, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma koo!” jedhee sagalee ol fudhatee booʼe.
2SA 19:5 Yooʼaab gara mootichaa mana ol seenee akkana jedhe; “Ati harʼa fuula namoota kee kanneen lubbuu kee, lubbuu ilmaan keetiitii fi intallan keetii, lubbuu niitota keetiitii fi saajjatoowwan keetii oolchan sana hundaa qaaniidhaan haguugdeerta.
2SA 19:6 Ati warra si jibban jaallattee warra si jaallatan immoo jibbiteerta. Ati akka ajajjoota loltoota keetiitii fi namoota isaanii wayittuu hin hedne harʼa mirkaneessiteerta. Harʼa utuu hundi keenya duunee Abesaaloom jiraatee ati akka gammaddu ani nan arga.
2SA 19:7 Amma gad baʼiitii namoota kee jajjabeessi. Yoo ati gad baʼuu baatte akka edana namni tokko iyyuu si biratti hin hafne ani maqaa Waaqayyootiin nan kakadha. Kun immoo rakkina ati ijoollummaa keetii jalqabdee hamma ammaatti keessa dabarte hunda caalaa hammaata.”
2SA 19:8 Kanaafuu mootichi kaʼee karra dura taaʼe. Namoonni hundinuus yommuu, “Mootichi karra dura taaʼee jira” jedhamee itti himametti isa bira dhufan. Yeroo sanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatanii turan.
2SA 19:9 Guutummaa gosoota Israaʼel keessatti namoonni hundinuu akkana jedhanii wal falmaa turan; “Mootichi harka diinota keenyaa jalaa nu baaseera; namni harka Filisxeemotaa jalaa nu baases isuma. Amma garuu inni sababii Abesaaloomiitiif biyyaa baqateera;
2SA 19:10 Abesaaloom inni nu akka inni bulchaa keenya taʼuuf jennee dibne sun immoo lola irratti duʼeera. Kanaafuu waaʼee mooticha as deebisuu irratti isin maaliif waan tokko hin mariʼanne?”
2SA 19:11 Daawit mootichis akkana jedhee ergaa kana Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti erge; “Akkana jedhaatii maanguddoota Yihuudaa gaafadhaa; ‘Wanni guutummaa Israaʼel keessatti odeeffamaa jiru gurra mootichaa qaqqabeeraatii isin maaliif mooticha mana mootummaa isaatti deebisuu irratti duubatti haftani?
2SA 19:12 Isin obboloota koo, foon kootii fi dhiiga koo ti; yoos mooticha fiduu irratti maaliif duubatti harkifattan ree?’
2SA 19:13 Amaasaanis, ‘Ati foonii fi dhiiga koo mitii? Yoo ani ammaa jalqabee iddoo Yooʼaab ajajaa loltoota koo si gochuu baadhe, Waaqni waan hamaa natti haa fidu; waan caalu illee natti haa fidu.’ ”
2SA 19:14 Mootichis akkuma garaa nama tokkootti garaa namoota Yihuudaa hundaa boojiʼe. Isaanis, “Namoota kee hunda wajjin deebiʼi” jedhanii mootichatti ergan.
2SA 19:15 Mootichis biyyatti deebiʼee hamma Yordaanositti dhufe. Namoonni Yihuudaas mooticha simatanii Yordaanosin ceesisanii fiduuf hamma Gilgaalitti dhufan.
2SA 19:16 Shimeʼiin namichi Bahuuriim ilmi Geeraa kan gosa Beniyaam sunis mooticha simachuuf namoota Yihuudaa wajjin dafee gad buʼe.
2SA 19:17 Isa wajjinis Beniyaamota kuma tokko akkasumas Ziibaa tajaajilaa maatii Saaʼol, ilmaan isaa kudha shananii fi hojjettoota isaa digdamatu ture. Isaanis mooticha dursanii Yordaanosin ceʼan.
2SA 19:18 Isaanis maatii mootichaa simachuu fi waan inni barbaadu isaaf gochuuf malkaa ceʼan. Shimeʼiin ilmi Geeraa yommuu Yordaanosin ceʼetti mooticha duratti kufee
2SA 19:19 akkana isaan jedhe; “Gooftaan koo balleessaa natti hin herregin. Balleessaa garbichi kee yeroo ati gooftaan koo mootichi Yerusaalemii baatetti hojjete garaatti hin qabatin. Mootichi waan sana yaada isaa keessaa haa baasu.
2SA 19:20 Ani garbichi kee cubbuu hojjechuu koo beekaatii; harʼa garuu ani mana Yoosef hunda keessaa gooftaa koo mooticha simachuuf nama jalqabaa taʼee dhufeera.”
2SA 19:21 Abiishaayi ilmi Zeruuyaas, “Shimeʼiin sababii nama Waaqayyo dibe abaareef amma duʼuun isaaf hin maluu?” jedhe.
2SA 19:22 Daawit immoo deebisee, “Yaa ilmaan Zeruuyaa anii fi isin maal wal irraa qabna? Isin yeroo ammaa diinota natti taataniirtu! Harʼa namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti ajjeefamuu qabaa? Ani guyyaa harʼaa Israaʼel irratti mootii taʼuu koo hin beekuu?” jedhe.
2SA 19:23 Kanaafuu mootichi Shimeʼiidhaan, “Ati duʼuu hin qabdu” jedhe. Kanas kakaadhaan mirkaneesseef.
2SA 19:24 Mefiibooshet akaakayyuun Saaʼolis mooticha simachuuf gad buʼe. Inni gaafa mootichi Yerusaalemii baʼee jalqabee hamma mootichi deebiʼutti miilla isaatiif eegumsa barbaachisaa hin goone yookaan areeda hin haaddanne yookaan uffata isaa hin miiccanne ture.
2SA 19:25 Yeroo inni mooticha simachuuf Yerusaalemii dhufettis mootichi, “Mefiibooshet, ati maaliif na wajjin hin deemne?” jedhee isa gaafate.
2SA 19:26 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo mooticha, ani garbichi kee waanan naafa taʼeef, ‘Akka ani yaabbadhee mooticha faana deemuu dandaʼuuf harreen koo naaf haa feʼamu’ jedheen ture. Ziibaan tajaajilaan koo garuu na gowwoomse.
2SA 19:27 Inni gooftaa koo mooticha durattis garbicha kee maqaa balleesseera; gooftaan koo mootichi akkuma ergamaa Waaqayyoo ti; kanaafuu waan barbaadde hunda godhi.
2SA 19:28 Silaa wanni maatiin abbaa kootii hundinuu mooticha irraa argachuu malan duʼa qofa ture. Ati garuu ana garbicha kee warra maaddii kee irraa nyaatan wajjin teessifte. Kana caalaa wanni ani akka naa godhamuuf mooticha gaafachuuf mirga qabu maalii?”
2SA 19:29 Mootichis, “Maaliif dubbii dheeressita? Ani akka atii fi Ziibaan lafa hunda gargar qooddattan ajajeera” jedheen.
2SA 19:30 Mefiibooshet immoo mootichaan, “Amma erga gooftaan koo mootichi nagaan deebiʼee inni waan hunda haa fudhatu” jedhe.
2SA 19:31 Namichi gosa Giliʼaad kan Barzilaay jedhamu tokkos Rogeliimii gad buʼe; innis mooticha geggeessuuf isa wajjin Yordaanos ceʼe.
2SA 19:32 Barzilaayiin jaarsa dulloomaa waggaa saddeettama ture. Innis waan nama sooressa tureef yeroo mootichi Mahanayiim jiraatetti waan inni nyaatu dhiʼeessaafii ture.
2SA 19:33 Mootichis Barzilaayiin, “Gamatti na wajjin ceʼiitii na wajjin Yerusaalem jiraadhu; anis sin sooraa” jedhe.
2SA 19:34 Barzilaayiin garuu mootichaan akkana jedhe; “Ani siʼachi waggaa hammam jiraachuufan mooticha wajjin Yerusaalem dhaqa?
2SA 19:35 Ani yeroo ammaa waggaa saddeettama guuteera. Ani waan gaarii fi waan hamaa addaan baasuu nan dandaʼaa? Garbichi kee miʼaa nyaataa fi dhugaatii beekaa? Ammas sagalee dhiirotaatii fi dubartoota sirbanii dhagaʼuu dandaʼaa? Yoos garbichi kee maaliif gooftaa koo mootichatti baʼaa dabalamaa taʼa ree?
2SA 19:36 Garbichi kee mooticha wajjin Yordaanos ceʼee xinnoo ishee ni deema; mootichi garuu maaliif haala kanaan galata naaf deebisa?
2SA 19:37 Akka ani yoon duʼe magaaluma kootti awwaala abbaa fi haadha koo biratti awwaalamuuf garbicha kee dhiisi haa deebiʼu. Garbichi kee Kimhaam garuu kunoo ti. Inni gooftaa koo mooticha wajjin haa ceʼu. Atis waan jaallattu kam iyyuu isaaf godhi.”
2SA 19:38 Mootichis, “Kimhaam na wajjin ni ceʼa; anis waan ati jaallattu kam iyyuu isaaf nan godha; waan ati narraa barbaaddu kam iyyuus siif nan godha” jedhe.
2SA 19:39 Akkasiin namoonni hundinuu Yordaanosin ceʼan; mootichis ni ceʼe. Mootichis Barzilaayii dhungatee eebbise; Barzilaayiinis gara mana isaatti deebiʼe.
2SA 19:40 Yommuu mootichi gara Gilgaalitti darbetti Kimhaam isa wajjin deeme. Loltoonni Yihuudaa hundinuu fi walakkaan loltoota Israaʼel mooticha ceesisan.
2SA 19:41 Yommuu suma namoonni Israaʼel hundinuu gara mootichaa dhufanii, “Obboloonni keenya warri Yihuudaa maaliif nu dhoksanii mootichaa fi maatii isaa, duukaa buutota isa wajjin Yordaanosin ceesisanii fidani?” jedhaniin.
2SA 19:42 Namoonni Yihuudaa hundis deebisanii namoota Israaʼeliin, “Nu waan mootichi fira dhiigaa nuuf taʼeef waan kana goone. Isin waaʼee waan kanaa maaliif aartu? Nu waan mootichaa keessaa tokko illee nyaanneerraa? Waan tokko illees ofii keenyaaf fudhanneerraa?” jedhan.
2SA 19:43 Kana irratti namoonni Israaʼel namoota Yihuudaatiin, “Nu mooticha irraa qooda harka kudhan qabna; kana malees nu isin caalaa Daawit irraa mirga qabna. Yoos isin maaliif akkas nu tuffattu ree? Akka mootiin keenya nuuf deebiʼuuf kan duraan dursinee gaafanne nu mitii?” jedhanii deebisan. Garuu deebiin namoonni Yihuudaa deebisan kan Israaʼelootaa irra jabaa ture.
2SA 20:1 Yeroo kanatti namichi dabaan Shebaa jedhamu, ilmi Biikrii namicha gosa Beniyaam tokko achi ture. Innis malakata afuufee sagalee guddaan akkana jedhee iyye; “Nu Daawit irraa qooda hin qabnu; ilma Isseey irraa dhaala tokko illee hin qabnu! Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana isaatti!”
2SA 20:2 Kanaafuu namoonni Israaʼel hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana duukaa buʼuuf jedhanii Daawit irraa garagalan. Namoonni Yihuudaa garuu Yordaanosii hamma Yerusaalemitti mootii isaanii wajjin deeman.
2SA 20:3 Daawitis yommuu masaraa isaa kan Yerusaalem keessaatti deebiʼetti, saajjatoowwan isaa kurnan akka isaan masaraa eeganiif dhiisee biraa deeme sana fuudhee mana tokkotti galchee akka isaan eegaman godhe. Inni waan isaan nyaatan kenneef malee isaan wajjin hin ciifne. Isaanis hamma gaafa duʼaniitti akka niitota dhirsoonni irraa duʼaniitti kophaa jiraatan.
2SA 20:4 Ergasiis mootichi Amaasaadhaan, “Namoota Yihuudaa guyyaa sadii keessatti walitti naa qabi; atis asitti argami” jedhe.
2SA 20:5 Amaasaan garuu yommuu namoota Yihuudaa waamuu deemetti yeroo mootichi isaaf kenne caalaa ture.
2SA 20:6 Daawitis Abiishaayidhaan, “Shebaan ilmi Biikrii miidhaa Abesaaloom nu miidhe sana caalaa nu miidha. Ati namoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ariʼi; yoo kanaa achii inni magaalaa daʼannoo qabu argatee nu jalaa miliqa” jedhe.
2SA 20:7 Kanaafuu namoonni Yooʼaabii fi Kereetonni, Pheletonnii fi namoonni waraanaa jajjaboon hundi ajaja Abiishaayi jalatti hiriiranii qajeelan. Isaanis Yerusaalemii kaʼanii Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf qajeelan.
2SA 20:8 Utuma isaan Gibeʼoon keessa kattaa guddaa bira jiranuu Amaasaan isaan simachuuf dhufe. Yooʼaab uffata isaa kan waraanaa uffate; qalqalli goraadeen isaa keessa jirus sabbataan mudhii isaatti hidhamee ture. Akkuma inni gara fuula duraatti tarkaanfateenis goraadichi qalqala isaa keessaa lafa buʼe.
2SA 20:9 Yooʼaabis Amaasaan, “Yaa obboleessoo, akkam jirta?” jedhe. Kana irratti Yooʼaab isa dhungachuuf harka isaa mirgaatiin hareeda Amesaay qabate.
2SA 20:10 Amesaay akka Yooʼaab goraadee harkaa qabu hin hubanne ture; kanaafuu Yooʼaab goraadee sana garaa isaatti dire; marʼumaan isaas lafatti jige. Amaasaanis utuu lammata hin waraanamin duʼe. Ergasii immoo Yooʼaabii fi obboleessi isaa Abiishaayi Shebaa ilma Biikrii sana ariʼan.
2SA 20:11 Namoota Yooʼaab keessaa inni tokko Amesaay bira dhaabatee, “Namni Yooʼaabin jaallatu, kan garee Daawit taʼe hundi Yooʼaabin duukaa haa buʼu!” jedhe.
2SA 20:12 Yeroo kanatti reeffi Amaasaa dhiigaan faalamee karaa irra ciisa ture; namichi tokkos akka loltoonni hundi achi dhadhaabatan arge. Innis yommuu akka warri gara Amesaay dhufan hundi dhadhaabatan argetti karaa irraa gara lafa qotiisaatti isa harkisee wayyaa irra buuse.
2SA 20:13 Erga reeffi Amesaay karaa irraa kaafamee booddee namoonni hundinuu Shebaa ilma Biikrii sana ariʼuuf Yooʼaab faana qajeelan.
2SA 20:14 Saabeʼeenis gosoota Israaʼel hunda keessa darbee gara Abeel Beet Maʼaakaatii fi gara biyya Beeriit hundaa dhaqe; namoonni Beeriitis walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
2SA 20:15 Loltoonni Yooʼaab wajjin turan hundinuus dhufanii Abeel Beet Maʼaakaatti Saabeʼee marsan. Isaanis hamma karra magaalaa sanaatti naannessanii biyyoo tuulan; yommuu dallaa magaalaa sanaa jigsuuf tumaa turanittis,
2SA 20:16 dubartiin ogeettiin tokko magaalattiidhaa isaan waamtee, “Dhagaʼaa! Dhagaʼaa! Akka ani waa isatti himuu dandaʼuuf Yooʼaab as haa dhufu itti himaa” jette.
2SA 20:17 Inni gara ishee dhaqe; isheenis, “Ati Yooʼaabii?” jettee gaafatte. Innis, “Ani isuma” jedhee deebise. Isheen immoo, “Waan tajaajiltuun kee dubbattu dhagaʼi” jette. Innis, “Ani dhagaʼaan jira.”
2SA 20:18 Isheenis itti fuftee akkana jette; “Bara durii namoonni, ‘Gara Abeel dhaqaa gorsa gaafadhaa’ jedhu ture; akkasiinis dubbiin ni dhuma ture.
2SA 20:19 Ani warra Israaʼel keessa nagaa fi amanamummaan jiraatan keessaa tokkoo dha. Ati magaalaa Israaʼel keessatti haadha taate tokko balleessuuf yaadaa jirta. Ati maaliif dhaala Waaqayyoo liqimsuu barbaadda?”
2SA 20:20 Yooʼaab immoo akkana jedhee deebise; “Wanni kun narraa haa fagaatu! Magaalattii balleessuun yookaan liqimsuun narraa haa fagaatu!
2SA 20:21 Wanni kun akkana miti. Namichi Shebaa jedhamu ilmi Biikrii kan biyya gaaraa Efreem sun mootiitti, Daawititti harka isaa ol fudhateera. Namicha tokkicha kana dabarsaa kennaa; anis magaalaa kana gad dhiisee nan baʼa.” Dubartiin sunis Yooʼaabiin, “Mataan namicha sanaa dallaa irraan gad siif darbatama” jette.
2SA 20:22 Ergasii dubartiin sun gorsa ishee kan ogummaan guutame sanaan namoota hunda bira dhaqxe; isaanis mataa Shebaa ilma Biikrii sanaa kutanii Yooʼaabiif gad darbatan. Kanaafuu inni malakata afuufe; namoonni isaa magaalattii dhiisanii tokkoon tokkoon namaa mana ofii isaatti gale. Yooʼaab immoo gara Yerusaalem mooticha biratti deebiʼe.
2SA 20:23 Yooʼaab loltoota Israaʼel hunda irratti, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa immoo Kereetotaa fi Pheletota irratti ajajaa taʼe;
2SA 20:24 Adooraam namoota hojii humnaa hojjetan irratti muudame; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa taʼe;
2SA 20:25 Shewwaan barreessaa, Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;
2SA 20:26 akkasumas Iiraas namichi gosa Yaaʼiri sun luba Daawit ture.
2SA 21:1 Jabana Daawit keessa beelli waggaa sadii walitti aansee buʼe; kanaafuu Daawit fuula Waaqayyoo barbaade. Waaqayyos, “Sababii Saaʼol Gibeʼoonota ajjeeseef isaa fi mana isaa irra yakka dhiigaatu jira” jedhe.
2SA 21:2 Mootichis Gibeʼoonota walitti qabee isaan wajjin haasaʼe. Gibeʼoononni hambaa Amoorotaa turan malee ilmaan Israaʼelootaa miti; Israaʼeloonni akka isaan eegan kakuu seenaniif; Saaʼol garuu hinaaffaa Israaʼelii fi Yihuudaaf qabuun Gibeʼoonota balleessuu barbaadee ture.
2SA 21:3 Daawitis, “Ani maalin isiniif godha? Akka isin dhaala Waaqayyoo eebbiftaniif ani akkamittin araara buusuu dandaʼa?” jedhee Gibeʼoonota gaafate.
2SA 21:4 Gibeʼoononni immoo, “Nu Saaʼol irraa meetii yookaan warqee gaafachuuf mirga hin qabnu; yookaan akka namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti duʼu gochuuf nu mirga qabnaa?” jedhanii deebisaniif. Daawitis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedhee gaafate.
2SA 21:5 Isaanis akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan; “Nama akka nu diigamnuu fi akka nu Israaʼel keessattis iddoo tokko illee hin arganne nu godhe sana,
2SA 21:6 sanyii isaa keessaa dhiirri torba nuuf haa kennaman; nus dhaqnee biyya Saaʼol namicha Waaqayyo filate sanaa, Gibeʼaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannifnaa.” Kanaafuu mootichi, “Tole isiniifin kenna” jedhe.
2SA 21:7 Mootichi garuu sababii kakuu Waaqayyoo kan Daawitii fi Yoonaataan ilma Saaʼol gidduutti godhame sanaatiif jedhee Mefiibooshet ilma Yoonaataan ilma Saaʼol duʼa jalaa baase.
2SA 21:8 Mootichis Armoonii fi Mefiibooshet ilmaan Riixiphaan intalli Ayyaa Saaʼoliif deesse lamaanii fi ilmaan Meerob intalli Saaʼol Adriiʼeel ilma Barzilaay namicha gosa Mehoolaatiif deesse shanan geesse.
2SA 21:9 Innis dabarsee Gibeʼoonotatti isaan kenne. Jarris isaan ajjeesanii gaara gubbaatti fuula Waaqayyoo duratti isaan fannisan. Torbaan isaanii iyyuu walumaan dhuman; isaanis akkuma garbuun haamamuu jalqabeen yeroo midhaan haamamutti guyyoota jalqabaatti ajjeefaman.
2SA 21:10 Riixiphaan intalli Ayyaa sun wayyaa gaddaa fudhattee kattaa irra afatte. Isheenis yeroo midhaan itti haamamuu jalqabdee hamma bokkaan reeffa jara ajjeefamanii sanatti samiidhaa roobutti akka guyyaa guyyaa allaattiin samii halkan immoo bineensonni bosonaa reeffa sana tuqan hin eeyyamne.
2SA 21:11 Wanni Riixiphaan intalli Ayyaa saajjatoon Saaʼol sun hojjette Daawititti himame;
2SA 21:12 innis dhaqee lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan namoota Yaabeesh Giliʼaad biraa fide. Isaan oobdii Beet Shaan iddoo Filisxeemonni gaafa Gilboʼaatti Saaʼolin ajjeesan itti jara fannisan sanaa isaan hatanii turaniitii.
2SA 21:13 Daawitis lafee Saaʼolii fi lafee Yoonaataan ilma Saaʼol achii fide; lafeen warra ajjeefamanii fannifamaniis walitti qabame.
2SA 21:14 Isaanis lafee Saaʼolii fi lafee ilma isaa Yoonaataan biyya Beniyaam keessatti, iddoo Zeelaa jedhamutti awwaala Qiish abbaa Saaʼol keessatti awwaalanii waan mootichi ajaje hunda godhan. Sana booddee Waaqni kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaate ni dhagaʼe.
2SA 21:15 Ammas Filisxeemotaa fi Israaʼel gidduutti waraanni ni kaʼe. Daawitis namoota isaa wajjin Filisxeemota waraanuuf duule; innis akka malee dadhabe.
2SA 21:16 Namichi gosa Raafaa kan Yishbii-Benoob jedhamu tokko eeboo naasii kan kiiloo giraamii sadii fi walakkaa ulfaatuu fi goraadee haaraa hidhatee ture; innis Daawitin ajjeesuu barbaade.
2SA 21:17 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa garuu Daawitin baraaruu dhufe; namicha Filisxeem sanas dhaʼee ajjeese. Namoonni Daawitis, “Akka ibsaan Israaʼel hin dhaamneef ati siʼachi nu wajjin waraana hin dhaqxu” jedhanii kakataniif.
2SA 21:18 Ergasii immoo lafa Goob jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni biraa kaʼe. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa namicha Saaf jedhamu tokko sanyii Raafaa keessaa ajjeese.
2SA 21:19 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin Goobitti godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaʼiree Oregiim namichi biyya Beetlihem Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu sana ni ajjeese.
2SA 21:20 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture; innis sanyii Raafaa keessaa dhalate.
2SA 21:21 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis, Yoonaataan ilmi Shimeʼii obboleessi Daawit isa ajjeese.
2SA 21:22 Jarri afran kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha. Isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.
2SA 22:1 Daawit yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate.
2SA 22:2 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo kattaa koo ti; daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
2SA 22:3 Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti. Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti; ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta.
2SA 22:4 “Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
2SA 22:5 Dambaliin duʼaa na marseera; lolaan badiisaas na liqimseera.
2SA 22:6 Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe.
2SA 22:7 “Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
2SA 22:8 Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan samiiwwanii ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
2SA 22:9 Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
2SA 22:10 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
2SA 22:11 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
2SA 22:12 Inni dukkana, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
2SA 22:13 Ifa fuula isaa keessaas bakakkaan balaqqisee baʼe.
2SA 22:14 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
2SA 22:15 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
2SA 22:16 Dheekkamsa, Waaqayyootiin humna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinis sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
2SA 22:17 “Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
2SA 22:18 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
2SA 22:19 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
2SA 22:20 Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
2SA 22:21 “Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
2SA 22:22 Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
2SA 22:23 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne.
2SA 22:24 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
2SA 22:25 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
2SA 22:26 “Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata;
2SA 22:27 nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
2SA 22:28 Ati warra gad of qaban ni oolchita; warra of tuulan immoo gad deebisuuf iji kee isaan ilaala.
2SA 22:29 Yaa Waaqayyo, ati ibsaa koo ti; Waaqayyo dukkana koo ifatti ni geeddara.
2SA 22:30 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
2SA 22:31 “Waaqa kana, karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu. Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa.
2SA 22:32 Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees Kattaan eenyu?
2SA 22:33 Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
2SA 22:34 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
2SA 22:35 Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
2SA 22:36 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
2SA 22:37 Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
2SA 22:38 “Ani diinota koo ariʼee nan balleesse; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
2SA 22:39 Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse; isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandaʼan; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
2SA 22:40 Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
2SA 22:41 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
2SA 22:42 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
2SA 22:43 Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake; bulleessees akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan dhidhiite.
2SA 22:44 “Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa gootee na jiraachifteerta. Sabni ani hin beekne na tajaajila;
2SA 22:45 namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
2SA 22:46 Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
2SA 22:47 “Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni koo, Kattaan, Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
2SA 22:48 Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jala galchu,
2SA 22:49 kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
2SA 22:50 Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
2SA 22:51 “Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, araara bara baraa ni argisiisa.”
2SA 23:1 Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanaa dha: “Himanni Daawit ilmi Isseey, himanni nama Waaqni Waan Hundaa Olii, ol ol isa qabe, nama Waaqni Yaaqoob isa dibe faarfataan Israaʼel jaallatamaan sun akkana jedhe:
2SA 23:2 “Hafuurri Waaqayyoo karaa kootiin dubbateera; dubbiin isaas arraba koo irra ture.
2SA 23:3 Waaqni Israaʼel dubbateera; Kattaan Israaʼel akkana naan jedhe: ‘Namni qajeelummaan saba bulchu, kan sodaa Waaqaatiin bulchu,
2SA 23:4 inni akka ifa biiftuu ganamaa kan iddoo duumessi hin jirretti baʼuu, akkuma ifa aduu kan erga bokkaan caamee booddee marga biqilchuu ti.’
2SA 23:5 “Manni koo Waaqa duratti qajeelaa mitii? Inni kakuu bara baraa na wajjin seenee isas qajeelchee karaa hundaan ni eega mitii? Isatu fayyina koo fiixaan baasee fedhii koo hundas naaf guuta mitii?
2SA 23:6 Namoonni hamoon hundinuu garuu akkuma qoraattii harkaan walitti hin qabamneetti gatamu.
2SA 23:7 Namni qoraattii tuqu kam iyyuu miʼa sibiilaa yookaan somaa eeboo qabata; qoraattiin sunis lafuma jirutti gubama.”
2SA 23:8 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yosheeb-Bashebet namichi Tahikmooni hoogganaa sadanii ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba saddeet fixe.
2SA 23:9 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar ilma Doodoo namicha gosa Ahooʼaa ture; innis yeroo Filisxeemota lolaaf achitti walitti qabamanii turan sana waraanuuf kutatanitti, namoota jajjaboo Daawit wajjin turan sadan keessaa tokko ture. Ergasii namoonni Israaʼel booddeetti deebiʼan;
2SA 23:10 inni garuu utuu lafa dhaabatee turee hin sochoʼin hamma harki isaa dadhabee goraadee isaatti gogutti Filisxeemota ni rukute. Waaqayyo gaafas moʼannoo guddaa kenne. Loltoonnis warra duʼan irraa hiikachuu qofaaf gara Eleʼaazaaritti deebiʼan.
2SA 23:11 Isatti aanees Saamaa ilma Aagee namicha gosa Haraaraatu ture. Yommuu Filisxeemonni iddoo Leehi jedhamutti lafa qotiisaa kan misiraan guutame tokko biratti walitti qabamanitti loltoonni Israaʼel isaan duraa baqatan.
2SA 23:12 Saamaan garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatee ture. Innis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixe; Waaqayyos moʼannaa guddaa kenne.
2SA 23:13 Yeroo midhaan haammamutti utuu loltoonni Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessatti walitti qabamanii jiranuu, hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
2SA 23:14 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
2SA 23:15 Daawitis Dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
2SA 23:16 Kanaafuu namoonni jajjaboon sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
2SA 23:17 Innis, “Yaa Waaqayyoo, waan kana gochuun narraa haa fagaatu! Bishaan kun dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti kutatanii deemanii mitii?” jedhe. Kanaafuu Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
2SA 23:18 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa obboleessi Yooʼaab hoogganaa sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota sadan sanaa beekamaa taʼe.
2SA 23:19 Abiishaayin warra sadan caalaa ulfina hin argannee ree? Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu ajajaa isaanii taʼe.
2SA 23:20 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
2SA 23:21 Inni namicha biyya Gibxi guddicha tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe; innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
2SA 23:22 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
2SA 23:23 Inni namoota soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
2SA 23:24 Jara soddomman sana keessattis: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan ilma Doodoo namicha Beetlihem,
2SA 23:25 Shamaa namicha gosa Haroodaa, Eliiqaa namicha gosa Haroodaa,
2SA 23:26 Heleez namicha Phaaltii, Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa,
2SA 23:27 Abiiʼezer nama Anaatoot, Mebunaay nama biyya Hushaa,
2SA 23:28 Zalmoon nama Ahooʼaa, Maharaayi nama Netoofaa,
2SA 23:29 Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa, gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay namicha Gibeʼaa,
2SA 23:30 Benaayaa nama Phiraatoon Hidaay namicha sululoota Gaʼaash,
2SA 23:31 Abii-Alboon namicha biyya Arbaa, Azmaawet nama Barhuum,
2SA 23:32 Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon, ilmaan Yaasheen, Yoonaataan,
2SA 23:33 ilma Shamaa namicha Haraaraa sanaa, Ahiiʼaam ilma Shaaraar namicha Aroodaa sanaa,
2SA 23:34 Eliiphelexi ilma Ahasbaayi nama Maʼakaat, Eliʼaam ilma Ahiitofel nama Giiloon,
2SA 23:35 Hezroo nama Qarmeloos, Faʼaraay nama biyya Arbii,
2SA 23:36 Yigiʼaal ilma Naataan namicha Zoobaa, Baanii gosa Gaad,
2SA 23:37 Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha gosa Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana ture;
2SA 23:38 Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
2SA 23:39 akkasumas Uuriyaa namicha Heet.
2SA 24:1 Aariin Waaqayyoo ammas Israaʼelitti kaʼee Daawitiin, “Dhaqiitii Israaʼelii fi Yihuudaa lakkaaʼi” jedhee isaanitti kakaase.
2SA 24:2 Kanaafuu mootichi Yooʼaabii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa bira turaniin, “Akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf gosoota Israaʼel kanneen Daanii hamma Bersheebaatti jiraatan hunda keessa deemaatii namoota loluu dandaʼan galmeessaa” jedhe.
2SA 24:3 Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo Waaqni kee loltoota kee dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu; iji gooftaa koo mootichaas waan kana haa argu. Garuu gooftaan koo mootichi maaliif waan kana gochuu barbaade?” jedhe.
2SA 24:4 Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaa yaada geeddarachiise; kanaafuu isaan fuula mootichaa duraa baʼanii namoota Israaʼel kanneen loluu dandaʼan galmeessuu deeman.
2SA 24:5 Isaanis erga Yordaanos ceʼanii booddee gara kibba magaalaa sulula keessatti argamuutiin Aroʼeer bira qubatan; achii immoo Gaad keessa darbanii Yaʼizeeritti qajeelan.
2SA 24:6 Isaanis gara Giliʼaadii fi Tabaason Adasaay, itti aansanii gara Daan yaaʼanii achii immoo naannaʼanii Siidoonaa dhaqan.
2SA 24:7 Ergasii immoo gara Daʼannoo Xiiroos, gara magaalaawwan Hiiwotaatii fi Kanaʼaanotaa hundaa dhaqan. Dhuma irratti immoo gara Bersheebaa kan kibba Yihuudaatti argamtu sanaa dhaqan.
2SA 24:8 Isaanis erga guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii booddee jiʼa sagalii fi bultii digdamaatti Yerusaalemitti deebiʼan.
2SA 24:9 Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii mootichatti hime; Israaʼel keessa namoota lolaaf gaʼumsa qaban kanneen goraadee qabachuu dandaʼan kuma dhibba saddeeti, Yihuudaa keessa immoo namoota kuma dhibba shanitu ture.
2SA 24:10 Daawit waan erga loltoota lakkaaʼee booddee balleessaan itti dhagaʼameef Waaqayyoon, “Ani waan hojjedhe keessatti cubbuu guddaa hojjedheera. Yaa Waaqayyo, ani akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
2SA 24:11 Guyyaa itti aanutti utuu Daawit hirribaa hin kaʼin ergaan Waaqayyoo gara waa himaa Daawit gara Gaad raajichaa dhufe; ergaan sunis,
2SA 24:12 “Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna; akka ani isa sitti fiduuf isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi” jedha.
2SA 24:13 Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee, “Waggaa torba biyya kee irra beelli haa buʼuu? Yookaan diinonni kee jiʼa sadiif si haa ariʼanii? Yookaan dhaʼichi guyyaa sadii biyya kee haa dhaʼuu? Egaa amma itti yaadiitii waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteessi” jedheen.
2SA 24:14 Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa guddaa taʼeef nu harka Waaqayyoo haa seennu; garuu akka ani harka namaa seenu hin godhin” jedhe.
2SA 24:15 Kanaafuu Waaqayyo guyyaa itti aanu ganamaa jalqabee hamma guyyaan murtaaʼe raawwatutti Israaʼelitti dhaʼicha fide; Daanii hamma Bersheebaatti namoonni kumni torbaatamni ni dhuman.
2SA 24:16 Yeroo ergamaan Waaqayyoo Yerusaalemin balleessuuf harka isaa diriirfatetti Waaqayyo sababii hubaatiin sun isa gaddisiiseef ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa bira ture.
2SA 24:17 Daawit yommuu ergamaa Waaqayyoo kan namoota ajjeesaa ture sana argetti, Waaqayyoon, “Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu” jedhe.
2SA 24:18 Gaafas Gaad gara Daawit dhaqee, “Ol baʼiitii oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaari” jedheen.
2SA 24:19 Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo karaa Gaadiin isa ajajetti ol baʼe.
2SA 24:20 Arawunaan yommuu milʼatee mootichaa fi namoota isaa kanneen gara isaa dhufaa jiran argetti, gad baʼee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
2SA 24:21 Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi maaliif gara garbicha isaa dhufe?” jedhe. Daawit immoo, “Ani akka dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf, oobdii kee bitee isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchuufin dhufe” jedhee deebise.
2SA 24:22 Arawunaanis Daawitiin akkana jedhe; “Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu fudhatee haa dhiʼeessu. Aarsaa gubamuuf sangoonni kunoo ti; qoraaniif immoo miʼi ittiin midhaan dhaʼamuu fi waanjoon sangaa as jira.
2SA 24:23 Yaa mootii, Arawunaan waan kana hunda mootichaaf ni kenna.” Akkasumas Arawunaan, “Waaqayyo Waaqni kee siif haa fudhatu” isaan jedhe.
2SA 24:24 Mootichi garuu, “Akkas miti; ani gatiidhaan sirraa bituu na barbaachisa. Ani waan gatii itti hin baasin Waaqayyo Waaqa kootiif aarsaa gubamu godhee hin dhiʼeessu” jedhee Arawunaaf deebise. Kanaafuu Daawit oobdichaa fi sangoota sana meetii saqilii shantamaan bite.
2SA 24:25 Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Waaqayyos kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaateef deebii kenne; dhaʼichis Israaʼel irraa ni deebiʼe.
1KI 1:1 Daawit Mootichi yeroo jaaree dulloometti yoo uffata itti tuulan illee dhagni isaa hin hoʼuuf ture.
1KI 1:2 Kanaafuu tajaajiltoonni isaa akkana jedhaniin; “Durba qulqulluu mooticha tajaajiltuu fi kunuunsitu haa barbaannu. Isheenis gooftaa keenya mootichatti bira ciiftee isa haa hoʼiftu.”
1KI 1:3 Isaanis biyya Israaʼel guutuu keessa durba miidhagduu barbaadanii intala Abiishagi jedhamtu kan gosa Suunam tokko argatanii mootichatti fidan.
1KI 1:4 Intalattiin akka malee miidhagduu turte; isheenis mooticha kunuunsite; ni tajaajiltes; mootichi garuu ishee bira hin gaʼu ture.
1KI 1:5 Yeroo sanatti Adooniyaan ilmi Hagiit kan isheen Daawitiif deesse, “Ani mootii nan taʼa” jedhee ol ol of qabe. Kanaafuu inni gaariiwwanii fi fardeen akkasumas namoota fuula isaa dura fiigan shantama qopheeffate.
1KI 1:6 Abbaan isaa immoo, “Ati maaliif waan akkanaa goota?” jedhee gonkumaa isa ifatee hin beeku. Inni gurbaa akka malee miidhagaa kan Abesaaloomitti aanee dhalatee dha.
1KI 1:7 Adooniyaanis Yooʼaab ilma Zeruuyaatii fi Abiyaataar lubichaan mariʼate; isaanis isa deeggaran.
1KI 1:8 Garuu Zaadoq lubichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Naataan raajichi, Shimeʼiin, Reeʼii fi eegdonni Daawit filatamoon Adooniyaa wajjin hin turre.
1KI 1:9 Adooniyaanis dhagaa Zoohelet isa naannoo Een Roogeelitti argamu biratti hoolaa, korma looniitii fi jabboota coccoomoo aarsaa dhiʼeesse. Innis obboloota isaa ilmaan mootichaa hunda, namoota Yihuudaa kanneen qondaaltota mootichaa taʼan hunda ni waame;
1KI 1:10 garuu Naataan raajicha yookaan Benaayaa yookaan eegdota filatamoo yookaan obboleessa isaa Solomoonin hin waamne.
1KI 1:11 Ergasii Naataan akkana jedhee Batisheebaa haadha Solomoon gaafate; “Ati akka Adooniyaan ilmi Hagiitii, utuu gooftaan keenya Daawit quba hin qabaatin mootii taʼe hin dhageenyee?
1KI 1:12 Mee amma kottu akka ati itti lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee Solomoon oolchuu dandeessu si gorsaa.
1KI 1:13 Amma gara Daawit mootichaa dhaqiitii, ‘Yaa gooftaa koo mootii, ati, “Ilmi kee Solomoon anatti aanee dhugumaan mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa” jettee ana garbittii keetiif hin kakannee? Yoos Adooniyaan maaliif mootii taʼe?’ jedhiin.
1KI 1:14 Anis utuma ati achitti mooticha wajjin dubbachaa jirtuu dhufee waan ati jettu sana siif mirkaneessa.”
1KI 1:15 Kanaafuu Batisheebaan kaatee mootii dulloome sana arguuf gara kutaa Abiishagi intalli gosa Suunam sun itti isa kunuunsaa turteetti ol seente.
1KI 1:16 Batisheebaan gad jettee fuula mootichaa duratti jilbeenfatte. Mootichis, “Ati maal barbaadda?” jedhee gaafate.
1KI 1:17 Isheenis akkana jettee deebifteef; “Yaa gooftaa ko, ati mataan kee, ‘Ilmi kee Solomoon natti aanee mootii ni taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jettee maqaa Waaqayyo Waaqa keetiitiin ana garbittii keetiif kakattee turte.
1KI 1:18 Amma garuu Adooniyaan mootii taʼeera; ati gooftaan koo mootichis waan kana quba hin qabdu.
1KI 1:19 Inni kunoo sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeessee ilmaan mootii hunda, Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ajajaa loltootaa waameera; garuu garbicha kee Solomoonin hin waamne.
1KI 1:20 Yaa gooftaa koo mooticha, si booddeedhaan eenyu teessoo gooftaa koo mootichaa irra akka taaʼu sirraa beekuudhaaf iji Israaʼel hundi sirra jira.
1KI 1:21 Yoo kanaa achii yeroo gooftaan koo mootichi abbootii isaa wajjin boqotutti anii fi ilmi koo Solomoon akka nama balleessaa qabuutti ilaalamna.”
1KI 1:22 Utuma isheen amma illee mooticha wajjin dubbachaa jirtuu Naataan raajichi ni dhufe.
1KI 1:23 Isaanis, “Naataan raajichi as jira” jedhanii mootichatti himan. Kanaafuu Naataan dhufee fuula mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
1KI 1:24 Naataanis akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mootii, ati, ‘Adooniyaan natti aanee mootii taʼa; teessoo koo irras ni taaʼa’ jetteertaa?
1KI 1:25 Inni harʼa gad buʼee sangoota, jabboota coccoomoo fi hoolota baayʼee aarsaa dhiʼeesseera. Ilmaan mootichaa hunda, ajajjoota loltootaatii fi Abiyaataar lubicha waameera. Isaan amma iyyuu isa wajjin nyaachaa dhugaa, ‘Adooniyaan mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jechaa jiru.
1KI 1:26 Garuu ana garbicha kee, Zaadoq lubicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaatii fi garbicha kee Solomoonin hin waamne.
1KI 1:27 Egaa kun waan gooftaan koo mootichi utuu isa booddeedhaan eenyu akka teessoo gooftaa koo mootichaa irra taaʼu garbicha isaa hin beeksisin hojjeteedhaa?”
1KI 1:28 Daawit mootichi, “Mee Batisheebaa ol waamaa” jedhe. Kanaafuu isheen gara mootichaatti ol seentee fuula isaa dura dhaabatte.
1KI 1:29 Mootichis akkana jedhee kakateef; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hundumaa keessaa na baase sanaa,
1KI 1:30 ani waan duraan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin siif kakadhe sana harʼa dhugumaan siif guuta. Ilmi kee Solomoon na booddeedhaan mootii taʼa; iddoo koos teessoo koo irra ni taaʼa.”
1KI 1:31 Batisheebaanis addaan gad jettee harka fuutee fuula mootichaa duratti jilbeenfattee, “Gooftaan ko, Daawit mootichi bara baraan haa jiraatu!” jette.
1KI 1:32 Daawit mootichis, “Mee Zaadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa ilma Yehooyaadaa as waamaa” jedhe. Yommuu isaan fuula mootichaa duratti dhiʼaatanitti,
1KI 1:33 inni akkana isaaniin jedhe: “Garboota gooftaa keessanii of faana fudhadhaatii ilma koo Solomoonin gaangoo koo irra teessisaatii Giihoonitti gad buusaa.
1KI 1:34 Achittis Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Israaʼeloota irratti mootii godhanii isa haa diban. Malakata afuufaatii, ‘Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jedhaa iyyaa.
1KI 1:35 Isinis ergasii isa wajjin ol baʼuu qabdu; innis dhufee teessoo koo irra taaʼee iddoo koo buʼee mootii taʼuu qaba. Ani akka inni bulchaa taʼuuf Israaʼelii fi Yihuudaa irratti isa muudeera.”
1KI 1:36 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa akkana jedhee mootichaaf deebise; “Ameen! Waaqayyo Waaqni gooftaa koo mootichaa akkasuma haa jedhu.
1KI 1:37 Waaqayyo akkuma gooftaa koo mooticha wajjin ture Solomoon wajjin haa taʼu; teessoo isaas teessoo gooftaa koo Daawit mootichaa caalaa haa jabeessu!”
1KI 1:38 Kanaafuu Zaadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Kereetonnii fi Pheletonni gad buʼanii gaangoo Daawit mootichaa irra Solomoon teessisanii Giihoonitti geessan.
1KI 1:39 Zaadoq lubichi dunkaana qulqulluu keessaa gaanfa zayitii fuudhee Solomooniin dibe. Isaanis malakata afuufanii namoonni hundi, “Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
1KI 1:40 Namoonni hundi hamma sagalee sanaan lafti sochootutti faaggaa afuufaa gammachuu guddaadhaan isa faana ol baʼan.
1KI 1:41 Adooniyaa fi keessummoonni isa wajjin turan akkuma nyaata isaanii fixataniin waan kana dhagaʼan. Yooʼaabis sagalee malakataa dhageenyaan, “Iyyi magaalaa keessaa kun hundi maalii?” jedhee gaafate.
1KI 1:42 Utuma inni dubbachuutti jiruu, Yonaataan ilmi Abiyaataar lubichaa ni dhufe. Adooniyaanis, “Ol seeni. Jabaan akka keetii kun oduu gaarii fiduu qabaa” jedhe.
1KI 1:43 Yonaataanis akkana jedhee deebise; “Akkas miti! Gooftaan keenya Daawit mootichi, Solomoonin mootii godheera.
1KI 1:44 Mootichis Zaadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaa, Kereetotaa fi Pheletota isa wajjin erge; isaanis gaangoo mootichaa irra isa teessisan;
1KI 1:45 Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Giihoonitti mootii godhanii isa dibaniiru. Isaan gammachuudhaan achii ol baʼan; magaalattiinis iyya isaaniitiin sochoofamte; wacni isin dhageessan kunis kanaa dha.
1KI 1:46 Kana caalaa iyyuu Solomoon teessoo mootummaa irra taaʼeera.
1KI 1:47 Qondaaltonni mootiis, ‘Waaqni kee maqaa kee caalaa maqaa Solomoon beekamaa godhee teessoo isaa illee teessoo kee caalaa haa guddisu!’ jedhanii gooftaa keenya Daawit mooticha eebbisuuf dhufaniiru. Mootichis siree isaa irratti gad jedhee sagade;
1KI 1:48 innis, ‘Waaqayyo, Waaqni Israaʼel kan akka iji koo harʼa nama iddoo koo buʼee teessoo koo irra taaʼu argitu naa eeyyame sun haa eebbifamu’ jedhe.”
1KI 1:49 Kana irrati keessummoonni Adooniyaa hundi rifatanii kaʼanii bibittinnaaʼan.
1KI 1:50 Adooniyaan garuu Solomoonin sodaatee dhaqee gaanfa iddoo aarsaa qabate.
1KI 1:51 Solomoonittis akkana jedhamee himame; “Adooniyaan Solomoon mooticha sodaatee gaanfa iddoo aarsaa qabatee itti cicheera. Innis, ‘Solomoon mootichi akka goraadeedhaan garbicha isaa hin ajjeefne harʼa naaf haa kakatu’ jedhe.”
1KI 1:52 Solomoonis, “Yoo inni amanamaa taʼuu isaa mirkaneesse rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu lafa hin buʼu; garuu yoo hamminni isa keessatti argame inni ni duʼa” jedhee deebise.
1KI 1:53 Solomoon mootichis nama itti erge; isaanis iddoo aarsaa biraa gad isa fidan. Adooniyaanis dhufee fuula Solomoon mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe; Solomoonis, “Deemi, mana keetti gali” jedheen.
1KI 2:1 Daawit Yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Solomoonin ajaje.
1KI 2:2 Innis akkana jedhe; “Ani karaa lafa hundumaa deemuufan jira. Kanaafuu ati jabaadhu; namas taʼi;
1KI 2:3 waan Waaqayyo Waaqni kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Musee keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi;
1KI 2:4 yoo ati akkas goote, Waaqayyo waan, ‘Yoo ilmaan kee karaa isaanii eeggatan, yoo isaan garaa isaanii guutuu fi lubbuu isaanii guutuudhaan amanamummaadhaan fuula koo dura jiraatan, ati teessoo Israaʼel irraa nama hin dhabdu’ jedhee na abdachiise sana fiixaan naa baasa.
1KI 2:5 “Ati mataan kee iyyuu waan Yooʼaab ilmi Zeruuyaa natti hojjete, waan inni ajajjoota loltoota Israaʼel lamaan jechuunis Abneer ilma Neerii fi Amaasaa ilma Yeteer godhe ni beekta. Inni bara nagaa keessa akka waan waraana keessatti taʼeetti isaan ajjeesee dhiiga isaanii dhangalaase; dhiiga sanas sabbata mudhii isaatii fi kophee faana isaatti faale.
1KI 2:6 Ogummaa keetiin isa adabi malee akka inni arrii isaatiin nagaan awwaalamu hin godhin.
1KI 2:7 “Garuu sababii isaan yeroo ani obboleessa kee Abesaaloom duraa baqadhetti na gargaaraniif ilmaan Barzilaayii namicha gosa Giliʼaad sanaatiif arjoomi; isaanis warra maaddii kee irraa nyaatan gidduu haa jiraatan.
1KI 2:8 “Shimeʼiin ilmi Geeraa namichi gosa Beniyaam kan biyya Bahuuriim inni gaafa ani Mahanayiim dhaqetti akka malee na abaare sun kunoo si wajjin jira. Ani garuu yeroo inni na simachuuf Yordaanos dhufetti, ‘Ani goraadeedhaan si hin ajjeesu’ jedhee maqaa Waaqayyootiin nan kakadheef.
1KI 2:9 Ati garuu sababii nama ogeessa taateef amma akka waan inni balleessaa hin qabaatiniitti isa hin ilaalin. Atuu waan isa gootu ni beekta. Ati mataa isaa kan arraaʼe sana dhiigaan awwaala keessa buusi.”
1KI 2:10 Daawitis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame.
1KI 2:11 Innis waggaa afurtama Israaʼel irratti jechuunis waggaa torba Kebroonitti, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalemitti mootii taʼe.
1KI 2:12 Kanaafuu Solomoon teessoo abbaa isaa Daawit irra ni taaʼe; mootummaan isaas jabaatee dhaabate.
1KI 2:13 Yeroo kanatti Adooniyaan ilmi Hagiit gara Batisheebaa gara haadha Solomoon dhaqe. Batisheebaanis, “Ati nagumaaf dhuftee?” jettee isa gaafatte. Innis, “Eeyyee ani nagumaafan dhufe” jedhee deebiseef;
1KI 2:14 itti dabalees, “Ani waanan siin jechuu fedhu tokkon qaba” jedheen. Isheenis, “Mee jedhi” jettee deebifteef.
1KI 2:15 Innis akkana jedheen; “Akkuma ati beektu mootummaan kan koo ture. Warri Israaʼel hundinuus akka ani mootii isaanii taʼu na abdatan. Garuu wanni sun geeddaramee mootummaan gara obboleessa kootiitti deebiʼeera; wanni kun Waaqayyo biraa isaaf dhufeeraatii.
1KI 2:16 Ani amma waanan si kadhadhu tokkon qaba; maaloo na hin didin.” Isheenis, “Kadhadhu” jetteen.
1KI 2:17 Innis itti fufee, “Akka inni Abiishagi intala gosa Suunam sana akka niitiitti naaf kennuuf maaloo Solomoon mooticha naa kadhadhu; inni si hin diduutii” jedheen.
1KI 2:18 Batisheebaanis, “Kun waan gaarii dha! Ani dhaqeen mootichatti siif dubbadha” jettee deebifteef.
1KI 2:19 Kanaafuu Batisheebaan Adooniyaaf jettee isatti dubbachuuf gara Solomoon Mootichaa dhaqxe; Mootichis ishee simachuuf ol kaʼee harka ishee fuudhee teessoo isaa irra taaʼe. Inni teessoo haadha mootiitiif fidame tokko of biraa qaba ture; isheenis gama mirga isaatiin teesse.
1KI 2:20 Isheenis, “Ani waanan si kadhadhu xinnoo tokko qaba; maaloo na hin didin” jetteen. Mootichis, “Yaa haadha koo kadhadhu; ani si hin diduutii” jedhee deebiseef.
1KI 2:21 Isheenis, “Obboleessi kee Adooniyaan intala gosa Suunam kan Abiishagi jedhamtu sana haa fuudhu” jetteen.
1KI 2:22 Solomoon mootichis akkana jedhee haadha isaatiif deebii kenne; “Ati maaliif Abiishagi intala gosa Suunam kana Adooniyaaf kadhatta? Ati mootummaa illee akkasuma isaaf kadhadhu; inni obboleessa koo hangafaatii; Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif illee gaafadhu!”
1KI 2:23 Solomoon mootichis akkana jedhee maqaa Waaqayyootiin kakate; “Yoo Adooniyaan gatii kadhaa kanaa lubbuu ofii isaatiin baasuu baate, Waaqni natti haa muru; waan caalu iyyuu natti haa fidu!
1KI 2:24 Kanaafuu dhugaa Waaqayyo jiraataa isa jabeessee na dhaabee teessoo abbaa koo teessoo Daawit irra na kaaʼee fi isa akkuma waadaa gale sanatti mootummaa naaf hundeesse sanaa Adooniyaan dhugumaan harʼa ni ajjeefama!”
1KI 2:25 Solomoon mootichi Benaayaa ilma Yehooyaadaa ajaje; innis dhaqee Adooniyaa dhaʼee ajjeese.
1KI 2:26 Mootichis Abiyaataar lubichaan akkana jedhe; “Ati gara lafa qotiisaa kee kan Anaatoot jirtu sanaa deemi. Ati silaa duʼuu qabda turte; ani garuu sababii ati fuula abbaa koo Daawit duratti taabota Waaqayyo Gooftaa baattee rakkina abbaa kootii hunda illee qooddatteef amma si hin ajjeesu.”
1KI 2:27 Kanaafuu Solomoon dubbii Waaqayyo Shiilootti waaʼee mana Eelii dubbate sana guutuudhaan Abiyaataarin lubummaa mana Waaqayyoo irraa buuse.
1KI 2:28 Yommuu oduun kun Yooʼaab namicha Abesaaloomiif tumsuu dhiisee Adooniyaaf tumse sana bira gaʼetti, inni gara dunkaana Waaqayyootti baqatee gaanfa iddoo aarsaa sana qabate.
1KI 2:29 Akka Yooʼaab gara dunkaana Waaqayyootti baqatee iddoo aarsaa bira jiru Solomoon Mootichatti ni himame. Solomoonis, “Dhaqiitii isa ajjeesi!” jedhee Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajaje.
1KI 2:30 Kanaafuu Benaayaa dunkaana Waaqayyoo ol seenee Yooʼaabiin, “Mootichi, ‘Kottu baʼi!’ siin jedha” jedhe. Inni garuu, “Ani asumattin duʼa malee hin baʼu” jedhee deebise. Benaayaa immoo, “Yoʼaab akkana jedhee naaf deebise” jedhee mootichatti hime.
1KI 2:31 Mootichi akkana jedhee Benaayaa ajaje; “Akkuma inni jedhe sana godhi; ajjeesiitii isa awwaali; kanaanis yakka dhiiga nama qulqulluu kan Yooʼaab dhangalaase sanaa irraa anaa fi mana abbaa koo qulqulleessi.
1KI 2:32 Sababii inni utuu abbaan koo Daawit hin beekin namoota lama goraadeen ajjeeseef Waaqayyo gatii dhiiga inni dhangalaase sanaa isa baasisa. Namoonni inni ajjeese sun lamaan jechuunis Abneer ilmi Neer ajajaan loltoota Israaʼelii fi Amaasaan ilmi Yeteer ajajaan loltoota Yihuudaa namoota isa caalaa jajjaboo fi qajeeltota turan.
1KI 2:33 Yakki dhiiga isaanii mataa Yooʼaabii fi sanyii isaa irra bara baraan haa jiraatu. Garuu Daawitii fi sanyii isaa irra, mana isaatii fi teessoo isaa irra nagaan Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu.”
1KI 2:34 Kanaafuu Benaayaa ilmi Yehooyaadaa achi dhaqee Yooʼaabin ajjeese; innis biyya ofii isaatti gammoojjii keessatti awwaalame.
1KI 2:35 Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajajaa loltootaa godhee iddoo Yooʼaab buuse; Zaadoq lubicha immoo iddoo Abiyaataar buuse.
1KI 2:36 Ergasiis mootichi gara Shimeʼiitti nama ergee akkana jedheen; “Ati Yerusaalem keessatti mana ijaarradhuutii achuma jiraadhu; achii baatee gara tokko illee hin deemin.
1KI 2:37 Gaafa achii baatee Sulula Qeedroon ceetutti akka duutu dhugumaan beeki; dhiigni kees matuma keetti deebiʼa.”
1KI 2:38 Shimeʼiinis, “Wanni ati jette gaarii dha. Garbichi kee akkuma gooftaan koo mootichi jedhe sana ni godha” jedhee mootichaaf deebise. Shimeʼiinis bara dheeraa Yerusaalem keessa jiraate.
1KI 2:39 Garuu waggoota sadii booddee garboota Saamii keessaa namoonni lama gara Aakiish ilma Maʼakaa mooticha Gaatitti baqatan; Shimeʼiittis, “Garboonni kee Gaati keessa jiru” jedhamee himame.
1KI 2:40 Innis waan kana dhageenyaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee garboota isaa barbaadachuu Aakiish bira Gaati dhaqe. Kanaafuu Shimeʼiin dhaqee Gaatii garboota isaa fidate.
1KI 2:41 Yommuu akka Shimeʼiin Yerusaalemii baʼee Gaati dhaqee deebiʼe Solomoonitti himametti,
1KI 2:42 mootichi Shimeʼii waamsisee akkana jedheen; “Ani maqaa Waaqayyootiin si kakachiisee, ‘Ati guyyaa kaatee iddoo biraa dhaquuf baate akka duutu beekkadhu’ jedhee si hin seerree? Atis gaafas, ‘Wanni ati jettu gaarii dha. Ani nan ajajama’ naan jette.
1KI 2:43 Yoos ati Maaliif kakuu Waaqayyoon kakatte sana eeguu diddee ajaja ani siif kenneefis ajajamuu didde ree?”
1KI 2:44 Mootichi amma illee Shimeʼiidhaan akkana jedhe; “Ati cubbuu abbaa koo Daawititti hojjette hunda garaa kee keessatti ni beekta. Waaqayyo amma jalʼina kee sana matuma keetti deebisa.
1KI 2:45 Solomoon mootichi garuu ni eebbifama; teessoon Daawitis bara baraan jabaatee fuula Waaqayyoo dura ni jiraata.”
1KI 2:46 Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa ni ajaje; innis dhaqee Saamii dhaʼee ajjeese. Mootummaanis yeroo kanatti harka Solomoonitti jabaatee dhaabate.
1KI 3:1 Solomoonis Faraʼoon mooticha Gibxi wajjin walii galtee uummatee intala isaa fuudhe. Innis hamma masaraa mootummaa ofii isaatii fi mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaree, naannoo Yerusaalemittis dallaa ijaaruu fixutti magaalaa Daawititti ishee fide.
1KI 3:2 Taʼus sababii hamma gaafasiitti manni qulqullummaa Maqaa Waaqayyootiif hin ijaaraminiif namoonni iddoo ol kaʼaa irratti aarsaa dhiʼeessaa turan.
1KI 3:3 Solomoon akkuma ajaja abbaan isaa Daawit isaaf kenneetti jiraachaa jaalala Waaqayyoof qabu argisiise; garuu aarsaa fi ixaana aarfamu iddoo ol kaʼaa irratti dhiʼeessaa ture.
1KI 3:4 Mootichi aarsaa dhiʼeessuuf gara Gibeʼoon dhaqe; iddoon sunis iddoo sagadaa kan gaara irraa isa baayʼee jaalatamaa isa Solomoon aarsaa gubamu kuma tokko irratti dhiʼeesse tureetii.
1KI 3:5 Waaqayyos Gibeʼoonitti halkan abjuu keessa Solomoonitti mulʼate; Waaqnis, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedhe.
1KI 3:6 Solomoon immoo akkana jedhee deebise; “Ati sababii inni amanamummaa fi qajeelummaadhaan fuula kee dura jiraatee gara tolina siif qabaateef garbicha kee, abbaa koo Daawitiif arjummaa guddaa goote. Arjummaa guddaa kanas ittuma fufteefii harʼa ilma teessoo isaa irra taaʼu kenniteefii jirta.
1KI 3:7 “Egaa yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati iddoo abbaa koo Daawit, garbicha kee mootii gooteerta. Ani garuu daaʼima xinnaa dha; hojii koos akkan itti hojjedhu hin beeku.
1KI 3:8 Garbichi kee kunoo saba ati filatte saba guddaa, kan lakkaaʼamuu hin dandeenye yookaan herregamuudhaaf akka malee baayʼatu keessa jira.
1KI 3:9 Kanaafuu hubannaa ani ittiin saba kee bulchuu fi waan gaarii fi waan hamaa ittiin gargar baasee beeku garbicha keetiif kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?”
1KI 3:10 Solomoon waan kana kadhachuun isaa fuula Gooftaa duratti gammachiisaa ture.
1KI 3:11 Kanaafuu Waaqni akkana jedheen; “Ati waan kana kadhatte malee ofii keetiif bara dheeraa yookaan sooroma yookaan lubbuu diinota keetii hin kadhanne; garuu waan murtii qajeelaa kennuuf hubannaa kadhatteef,
1KI 3:12 ani waan ati kadhatte kana siifin kenna. Qalbii ogeessa waa hubatu kan namoonni si dura turan hin qabaatin, kan warri si duubaan dhufanis hin qabaanne siifin kenna.
1KI 3:13 Kana malee iyyuu akka bara jireenya keetii keessa mootota gidduudhaa tokko illee siin hin qixxaanneef ani waan ati hin kadhatin sooromaa fi ulfina siifin kenna.
1KI 3:14 Yoo ati karaa koo irra deemtee akkuma abbaan kee Daawit hojjete sana seeraa fi ajaja koo eegde, ani umurii kee nan dheeressa.”
1KI 3:15 Solomoon ergasii dammaqee akka wanni sun abjuu taʼe hubate. Innis gara Yerusaalemitti deebiʼee taabota kakuu Gooftaa dura dhaabatee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Ergasiis garboota isaa hundaaf cidha qopheesse.
1KI 3:16 Yeroo kanatti sagaagaltoonni lama dhufanii fuula mootichaa dura dhaabatan.
1KI 3:17 Isheen tokko akkana jette; “Yaa Gooftaa ko, anii fi dubartiin kun manuma tokko keessa jiraanna. Utuma isheen na wajjin jirtuu ani mucaan daʼe.
1KI 3:18 Erga ani daʼee guyyaa sadii booddee dubartiin kunis mucaa deesse. Nu kophaa keenya turre; nu lamaan malee namni tokko iyyuu mana sana keessa hin turre.
1KI 3:19 “Ilmi dubartii kanaa sababii isheen halkan irra ciifteef jalaa duʼe.
1KI 3:20 Kanaafuu isheen utuu ani garbittiin kee rafuu halkan walakkaa kaatee mucaa koo na biraa fudhatte. Isheenis laphee ishee jala isa kaaʼattee ilma ishee kan duʼe sana laphee koo jala keesse.
1KI 3:21 Ganama itti aanutti ani ilma koo hoosifachuufan kaʼe; kunoo inni duʼee jira! Ani garuu yommuun ifa ganamaatiin itti dhiʼaadhee ilaaletti akka inni ilma ani daʼe sana hin taʼin nan hubadhe.”
1KI 3:22 Dubartiin kaanis, “Akkas miti! Inni jiru kun ilma koo ti; kan duʼe sun immoo kan kee ti” jette. Isheen jalqabaa sun garuu ittuma cimsitee, “Akkas miti! Kan duʼe sun kan kee ti; kan jiru kun immoo koo ti” jette. Isaanis akkasiin fuula mootichaa duratti wal falman.
1KI 3:23 Mootichis, “Isheen kun, ‘Ilmi koo ni jira; kan kee immoo duʼeera’ jetti; isheen kaanis, ‘Akkas miti! Ilmi kee duʼeera; kan koo immoo ni jira’ jetti” jedhe.
1KI 3:24 Kana irratti mootichis, “Goraadee naa fidaa” jedhe. Isaanis mootichaaf goraadee fidan.
1KI 3:25 Mootichis, “Mucaa jiru kana iddoo lamatti wal qixxeetti kutaatii walakkaa isaa ishee tokkoof kennaa; walakkaa immoo ishee kaaniif kennaa” jedhee ajaje.
1KI 3:26 Dubartiin ilmi ishee lubbuun jiru sun mucaa isheetiif akka malee garaa laaftee mootichaan, “Maaloo yaa Gooftaa ko, mucaa lubbuun jiru kana isheef kenni malee hin ajjeesin” jette. Isheen kaan immoo, “Inni iddoo lamatti haa muramuu malee anaafis siifis hin taʼu!” jette.
1KI 3:27 Kana irratti mootichi, “Mucaa lubbuun jiru kana dubartii duraa sanaaf kennaa malee hin ajjeesinaa; haati isaa isheedhaatii” jedhee ajaje.
1KI 3:28 Israaʼel hundi murtii mootichi kenne ni dhagaʼan; isaanis sababii akka inni murtii qajeelaa kennuuf Waaqa irraa ogummaa argate hubataniif mooticha ni sodaatan.
1KI 4:1 Solomoon Mootichis akkasiin Israaʼel hunda bulche.
1KI 4:2 Jarri kunneenis qondaaltota isaa ol aantota turan: Azaariyaa ilmi Zaadoq luba ture;
1KI 4:3 Eliihoorefii fi Ahiiyaan, ilmaan Shiishaaʼaa barreessitoota turan; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud galmeessaa ture;
1KI 4:4 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa ajajaa loltootaa ol aanaa ture; Zaadoqii fi Abiyaataar immoo luboota turan;
1KI 4:5 Azaariyaa ilmi Naataan itti gaafatamaa bulchitoota aanaalee biyyaa ture; Zaabuud ilmi Naataan lubaa fi gorsituu mootichaa kan dhuunfaa ture;
1KI 4:6 Ahiishaar, itti gaafatamaa masaraa mootummaa ture; Adooniiraam ilmi Abdaa itti gaafatamaa warra hojii humnaa hojjetanii ture.
1KI 4:7 Solomoonis Israaʼel hunda irratti bulchitoota aanaalee kudha lama kanneen mootichaa fi warra mana mootichaa jiraataniif nyaata dhiʼeessan qaba ture. Tokkoon tokkoon isaaniis waggaa keessatti jiʼa tokko tokko nyaata dhiʼeessu ture.
1KI 4:8 Maqaan isaaniis kanaa dha: Ben-Huur, biyya gaaraa Efreemitti;
1KI 4:9 Ben-Deqeer Maqaazitti, Shaʼalbiimitti, Beet Shemeshittii fi Eeloon Beet Haanaanitti;
1KI 4:10 Ben-Heseed Aruboot keessaa, Sookootii fi biyyi Heefer guutuun kan isaa ture;
1KI 4:11 Ben-Abiinaadaab, Naafoot Dooritti Xaafati intala Solomoon fuudhee ture;
1KI 4:12 Baʼanaan ilma Ahiiluud, biyya Taʼanaakii fi Megidootti akkasumas Beet Sheʼaan Zaaretaanitti aanee Yizriʼeel gad jiru guutuutti, Beet Sheʼaanii jalqabee hamma Yoqemiʼaam ishee Abeel Mehoolaa gamatti;
1KI 4:13 Ben-Geeber Raamoot Giliʼaad keessatti qubatawwan Yaaʼiir ilma Minaasee kanneen Giliʼaad keessaa, akkasumas biyyi Argobbi kan Baashaan keessatti argamuu fi magaalaawwan gurguddaan dallaan itti ijaaramee danqaraawwan balbalaa kanneen naasii irraa hojjetaman qaban jaatamni kan isaa turan.
1KI 4:14 Ahiinaadaab ilma Iddoo, Mahanayiim keessatti;
1KI 4:15 Ahiimaʼaz, Niftaalemitti; innis Baasmati intala Solomoon fuudhee ture;
1KI 4:16 Baʼanaan ilmi Huushaayi, Aasheerii fi Baʼaalooti keessatti;
1KI 4:17 Yehooshaafaax ilmi Faaruuwaa, Yisaakor keessatti;
1KI 4:18 Shimeʼiin ilmi Eelaa, Beniyaam keessatti,
1KI 4:19 Geber ilmi Uuri biyya Giliʼaad jechuunis biyya Sihoon mooticha Amoorotaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan keessatti; isa qofatu biyya sana bulchaa ture.
1KI 4:20 Namoonni Yihuudaatii fi Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa baayʼee turan; isaanis nyaatanii dhuganii gammadan.
1KI 4:21 Solomoonis mootummoota Laga Efraaxiisii hamma biyya Filisxeemotaatti, hamma daarii Gibxitti jiran hunda bulchaa ture. Biyyoonni kunneenis gibira isaaf fidanii bara jireenya isaa guutuu Solomooniif bulan.
1KI 4:22 Nyaanni guyyuma guyyaatti Solomooniif galu daakuu qulqulluu Koorii soddoma, midhaan koorii jaatama,
1KI 4:23 sangoota coccoomoo kudhan, loon kaloo dheedan digdama, hoolotaa fi reʼoota dhibba tokko, akkasumas borofa, kuruphee, gadamsaa fi indaanqoo dha.
1KI 4:24 Inni mootummoota Laga Efraaxiisiin gama dhiʼa biiftuu jiran hunda, Tifsaadhaa hamma Gaazaatti bulchaa tureetii; karaa hundaanis nagaa qaba ture.
1KI 4:25 Bara Solomoon keessa Yihuudaa fi Israaʼel Daanii jalqabanii hamma Bersheebaatti nagaan jiraatan; tokkoon tokkoon namaas muka wayiniitii fi muka harbuu ofii isaa jala boqote.
1KI 4:26 Solomoonis gola fardeen gaarii harkisan keessa bulan kuma afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture.
1KI 4:27 Bulchitoonni aanaalee sunis yeroo jiʼi isaanii gaʼutti tokkoon tokkoon isaanii mootichaa fi warra maaddii Solomoon mootichaa irraa nyaatan hundaaf nyaata dhiʼeessu ture. Akka wanni tokko iyyuu hin hanqanneefis ni toʼatu turan.
1KI 4:28 Akkasumas fardeen gaarii harkisanii fi fardeen kaaniif iddoo barbaadameefitti garbuu fi cidii dhiʼeessu turan.
1KI 4:29 Waaqnis ogummaa fi hubannaa guddaa akkasumas garaa balʼaa akka cirracha qarqara galaanaa Solomooniif kenne.
1KI 4:30 Ogummaan Solomoon ogummaa namoota baʼa biiftuu jiraatanii hunda caala; ogummaa Gibxi hundas ni caala.
1KI 4:31 Inni nama kam iyyuu caalaa ogeessa; Eetaan namicha gosa Izraahi sana caalaa, Heemaan, Kalqoolii fi Dardaa ilmaan Maahool caalaa ogeessa. Maqaan isaas saboota naannoo sana jiraatan hunda biratti beekame.
1KI 4:32 Inni fakkeenya kuma sadii dubbate; baayʼinni faarfannaa isaas kuma tokkoo fi shan ture.
1KI 4:33 Inni birbirsa Libaanoon jalqabee hamma hiisophii dallaa irratti guddatuutti jireenya biqiltuuwwanii ibse. Waaʼee bineensotaatii fi waaʼee simbirroo, waaʼee uumamawwan lafa irra looʼaniitii fi waaʼee qurxummii illee dubbateera.
1KI 4:34 Namoonni biyyoota hundaa ogummaa Solomoon dhagaʼuuf mootota addunyaa kanneen waaʼee ogummaa isaa dhagaʼan hunda biraa dhufaa turan.
1KI 5:1 Hiiraam mootichi Xiiroos yommuu akka Solomoon abbaa isaa Daawitin iddoo buʼuuf dibame dhagaʼetti ergamoota isaa gara Solomoonitti erge; Hiiraam yeroo kam iyyuu michuu Daawit tureetii.
1KI 5:2 Solomoonis akkana jedhee Hiiraamiif ergaa kana deebisee erge:
1KI 5:3 “Akka Abbaan koo Daawit sababii waraana karaa hundaan isa marsee ture sanaatiif hamma Waaqayyo diinota isaa miilla isaa jala galchuufitti Maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiif mana qulqullummaa ijaaruu hin dandaʼin atuu beekta.
1KI 5:4 Amma garuu Waaqayyo Waaqni koo karaa hundaan boqonnaa naa kenneera; diinni yookaan balaan tokko iyyuu hin jiru.
1KI 5:5 Kanaafuu ani amma akkuma Waaqayyo abbaa koo Daawitiin, ‘Ilmi kee kan ani iddoo kee teessoo kee irra teessisu Maqaa kootiif mana qulqullummaa ni ijaara’ jedhe sanatti Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaruu yaadeera.
1KI 5:6 “Kanaafuu akka birbirsi Libaanoon naaf muramu ajaji. Namoonni koo namoota kee wajjin hojjetu; anis mindaa ati hojjettoota keetiif murteessitu kam iyyuu siifin kaffala. Akka nu muka baqaqsuu irratti akka Siidoonotaa ogeeyyii hin taʼin atuu beekta.”
1KI 5:7 Hiiraamis yommuu dhaamsa Solomoon sana dhagaʼetti akka malee gammadee, “Harʼa Waaqayyo haa eebbifamu; inni akka Solomoon saba guddaa kana bulchuuf ilma ogeessa kana Daawitiif kenneeraatii” jedhe.
1KI 5:8 Kanaafuu Hiiraam akkana jedhee Solomoonitti ergaa erge: “Ani ergaa ati naa ergite argadheera; birbirsaa fi jirma birbirsaa dhiʼeessuudhaan waan ati barbaaddu hunda siifan godha.
1KI 5:9 Namoonni koo Libaanoon irraa gara galaanaatti gad fidu; anis walitti hidhee lafa ati filattutti galaana irra siifan erga; achittis gargari nan hiika. Atis muka sana ni fudhatta; warra mana koo jiraataniif immoo nyaata dhiʼeessuudhaan fedhii koo guutta.”
1KI 5:10 Hiiroomis akkasiin birbirsaa fi jirma birbirsaa kan Solomooniif barbaachisu dhiʼeessaafii ture.
1KI 5:11 Solomoonis akka warra mana Hiiraam jiraataniif nyaata taʼuuf qamadii safartuu qoroosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa kan cuunfame koorii kuma digdama kenne. Solomoon ittuma fufee wagguma waggaan waan kana Hiiraamiif kennaa ture.
1KI 5:12 Waaqayyos akkuma isa abdachiisetti Solomooniif ogummaa ni kenne. Hiiraamii fi Solomoon gidduu walitti dhufeenya nagaatu ture; isaan lamaanuu walii galtee godhatan.
1KI 5:13 Solomoon mootichis Israaʼel hunda keessaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetan kuma soddoma walitti qabe.
1KI 5:14 Innis akka isaan jiʼa tokko Libaanoon keessa, jiʼa lamaa immoo mana isaanii turaniif jedhee, jiʼa tokko tokkoof nama kuma kudhan qoodee Libaanoonitti erge. Adooniiraam immoo itti gaafatamaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetanii ture.
1KI 5:15 Solomoon namoota baʼaa baatan kuma torbaatamaa fi warra dhagaa cabsan kuma saddeettama gaarran keessaa qaba ture;
1KI 5:16 akkasumas namoota hojii hojjechiisanii hojjettoota illee toʼatan kuma sadii fi dhibba sadii qaba ture.
1KI 5:17 Isaanis mootichi ajaja kenninaan dhagoota soofamaniin hundee mana qulqullummaa buusuudhaaf dhagoota gurguddaa fi dhagoota gatii guddaa fidan.
1KI 5:18 Ogeeyyiin hojii harkaa Solomoonii fi Hiiroom akkasumas namoonni Gebaal mana qulqullummaa ijaaruuf mukaa fi dhagaa cabsanii qopheessan.
1KI 6:1 Innis erga Israaʼeloonni Gibxi keessaa baʼanii waggaa dhibba afurii fi saddeettammaffaatti, erga Solomoon Israaʼel irratti mootii taʼee immoo waggaa afuraffaa keessa jiʼa Ziif jechuunis jiʼa lammaffaa keessa mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe.
1KI 6:2 Manni qulqullummaa kan Solomoon mootichi Waaqayyoof ijaare sun dhundhuma jaatama lafa irra dheerata ture; dhundhuma digdama balʼatee dhundhuma soddoma ol dheerata ture.
1KI 6:3 Gardaafoon fuula galma mana qulqullummaa sana dura jiru akkuma mana qulqullummaa sanaa dhundhuma digdama lafa irra dheeratee fuula manichaa duraan dhundhuma kudhan achi baʼa ture.
1KI 6:4 Innis akka manichi ifa argatuuf foddaawwan faayeffaman itti tolche.
1KI 6:5 Naannoo keenyan mana guddichaatii fi naannoo keenyan iddoo qulqulluu manicha keessaattis bifa itti baasee kutaalee ni tolche.
1KI 6:6 Kutaan manichaa kan jalaa dhundhuma shan, kan gidduu dhundhuma jaʼa, sadaffaan immoo dhundhuma torba balʼata ture. Innis akka wanni tokko iyyuu keenyan mana qulqullummaa keessa hin suuqamneef alaan manichatti naannessee ittisa hojjete.
1KI 6:7 Yeroo mana qulqullummaa sana ijaaranitti dhagaa boolla itti dhagaa cabsanitti soofame qofatti fayyadaman; yeroo manni qulqullummaa sun ijaaramaa turetti iyyi burruusaa, kan qottootii fi kan miʼa sibiilaa kamii iyyuu achitti hin dhagaʼamne.
1KI 6:8 Balballi kutaa manichaa kan jalaa karaa kibba mana qulqullummaatiin ture; gulantaan tokkos gara kutaa manichaa gidduutii fi gara kutaa manichaa sadaffaatti ol baasa.
1KI 6:9 Inni akkasiin mana qulqullummaa sana ijaaree saanqaa birbirsaatii fi dareeraadhaan gubbaa isaa duuchee fixe.
1KI 6:10 Innis kutaalee alaa sana naannoo mana qulqullummaatti marsee ijaare. Ol dheerinni tokkoo tokkoo isaaniis dhundhuma shan shan ture. Isaanis muka birbirsaatiin mana qulqullummaatti qabsiifaman.
1KI 6:11 Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Solomoon dhufe:
1KI 6:12 “Waaʼee mana qulqullummaa ati ijaaraa jirtu kanaa, ati sirna koo duukaa buutee seera kootii fi ajaja koo hundas yoo eegde, ani waadaan abbaa kee Daawitiif gale sana karaa keetiin nan raawwadha.
1KI 6:13 Anis Israaʼeloota gidduu nan jiraadha; saba koo Israaʼelinis hin gatu.”
1KI 6:14 Akkasiin Solomoon mana qulqullummaa sana ijaaree fixe.
1KI 6:15 Innis hundee mana qulqullummaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti mamaxxansuudhaan keenyan manichaa karaa keessaatiin saanqaa birbirsaatiin uffise; lafa manichaas saanqaa birbirsaatiin uffise.
1KI 6:16 Karaa boroo mana qulqullummaatiinis iddoo qulqulluu kan keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe hojjechuuf hundee manichaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti saanqaa birbirsaatiin kutaa dhundhuma digdama balʼatu tokko qoode.
1KI 6:17 Galmi guddichi fuula kutaa kanaa duraan jirus dhundhuma afurtama dheerata ture.
1KI 6:18 Keessi mana qulqullummaa sanaas birbirsa fakkiin buqqeetii fi daraaraa irratti soofameen faayeffamee ture. Wanni hundinuu birbirsaan hojjetame; dhagaan tokko iyyuu hin mulʼatu ture.
1KI 6:19 Inni taabota kakuu Waaqayyoo achi keessa kaaʼuuf jedhee mana qulqullummaa keessatti iddoo qulqulluu qopheesse.
1KI 6:20 Iddoon qulqulluun manicha keessaa sun dhundhuma digdama lafa irra dheeratee, dhundhuma digdama balʼatee dhundhuma digdama immoo ol dheerata ture. Innis keessa manichaa warqee qulqulluu itti uffise; iddoo aarsaa kan birbirsaa irraa hojjetame sana illee warqee qulqulluu itti uffise.
1KI 6:21 Solomoonis keessa mana qulqullummaa sanaa warqee qulqulluu itti uffisee fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa kan warqeen itti uffifame sana duraan foncaa warqee diriirse.
1KI 6:22 Innis akkasiin keessa manichaa hunda warqee itti uffise. Iddoo aarsaa kan iddoo qulqulluu gara keessaa cina jiru sana illee warqee itti uffise.
1KI 6:23 Innis iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sana keessatti kiirubeelii muka ejersaa irraa hojjetaman kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudhan kudhan ol dheeratan tolche.
1KI 6:24 Qoochoon kiirubeelii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dalga dheerata; qoochoon kaanis dhundhuma shan dalga dheerata; walumatti fiixee qoochoo tokkootii hamma fiixee qoochoo kaaniitti dhundhuma kudhan dalga dheerata ture.
1KI 6:25 Sababii kiirubeeliin lachuu guddinaan wal qixxee taʼanii bifa tokko qabaataniif kiirubiin lammaffaanis dhundhuma kudhan dalga dheerata ture.
1KI 6:26 Ol dheerinni tokkoo tokkoo kiirubeeliis dhundhuma kudhan kudhan ture.
1KI 6:27 Solomoon kiirubeelii sana mana qulqullummaa keessa kutaa Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessa kaaʼe; qoochoon isaaniis babalʼifamee ture. Qoochoon kiirubeelii tokkoo keenyan manaa tokko tuqee qoochoon kiirubeelii kaanii immoo keenyan manaa kaan tuqe; qoochoon isaaniis dhufee walakkaa kutaa manichaatti wal tuqa ture.
1KI 6:28 Inni kiirubeelii sanas warqee itti uffise.
1KI 6:29 Solomoonis keenyan mana qulqullummaa sanaa hunda irratti, keessaa fi duubaan itti naannessee fakkiiwwan kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwanii miidhagse.
1KI 6:30 Lafa kutaalee mana qulqullummaa sanaa lachuuttis keessaa fi alaan warqee uffise.
1KI 6:31 Balbala iddoo qulqulluu kan gara keessaatiifis muka ejersaatiin cufaawwan tolche; cufaawwan sunis balʼina keenyaniitti harka shan keessaa harka tokko ture.
1KI 6:32 Cufaa muka ejersaa sana lamaan irrattis fakkiiwwan kiirubeelii, kan muka meexxiitii fi daraarawwanii miidhagsee fakkiiwwan kiirubeelii fi kan muka meexxii sanatti warqee uffise.
1KI 6:33 Haaluma kanaanis michichila balbalaa kan muka ejersaa irraa hojjetamee roga afur qabu tokko balbala galma guddichaatiif tolche.
1KI 6:34 Akkasumas balbala muka birbirsaa lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii saanqaa walitti deebiʼee cufamu lama lama qaban tolche.
1KI 6:35 Achi irrattis kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwan miidhagsee warqee tumame wal qixxeessee itti uffise.
1KI 6:36 Innis dhagaa soofamaa toora sadii fi dareeraa birbirsaa, toora tokkoon oobdii manicha keessaa ijaare.
1KI 6:37 Hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoos waggaa afuraffaatti jiʼa Ziif jedhamu keessa buufame.
1KI 6:38 Manni qulqullummaa sunis waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa Buul jechuunis jiʼa saddeettaffaa keessa akkuma karoorfametti guutumaan guutuutti hojjetamee dhume. Solomoonis mana sana ijaaree fixuuf waggaa torba itti fudhate.
1KI 7:1 Solomoon masaraa mootummaa isaa ijaaree fixachuuf waggaa kudha sadii itti fudhate.
1KI 7:2 Innis Masaraa Bosona Libaanoon jedhamu ijaarrate; masaraan sunis dhundhuma dhibba tokko dalga dheeratee balʼina dhundhuma shantamaa fi ol dheerina dhundhuma soddoma qaba ture; innis toora afuriin utubaawwan birbirsaa kanneen dareeraawwan birbirsaa baatan qaba ture.
1KI 7:3 Manni sunis dareeraawwan utubaawwan irra naqaman sanaan olitti bantii birbirsi hojjetame qaba ture; innis toorawwan tokkoon tokkoon isaanii utubaawwan kudha shan qabatan walumaa galatti utubaawwan afurtamii shan qaba ture.
1KI 7:4 Foddaawwan isaas ol kaafamanii toora sadii sadiin walitti garagalfamanii hojjetaman.
1KI 7:5 Balballii fi michichilli balbalaa hundinuu roga afur afur qabu turan; isaanis karaa fuula duraatiin sadii sadiin walitti garagalfamanii turan.
1KI 7:6 Innis galma utubaawwan hedduu qabu kan dhundhuma shantama lafa irra dheeratee dhundhuma soddoma balʼatu ijaare. Fuula galma sanaa duraanis gardaafoo tokkotu ture; gardaafoo sana duraan immoo utubaawwanii fi bantii utubaawwan sana irratti diriirfame tokkotu ture.
1KI 7:7 Innis galma teessoo, iddoo itti murtii kennu galma laaftoo ijaaree lafa isaatii jalqabee hamma bantii isaatti muka birbirsaa itti uffise.
1KI 7:8 Masaraan mootummaa kan akka inni keessa jiraatuuf ijaarame sunis gara dugda duubaatti hiiqee karooruma wal fakkaatuun hojjetame. Solomoon intala Faraʼoon kan fuudhe sanaaf illee masaraa mootummaa kan akkuma galma kanaa ijaare.
1KI 7:9 Ijaarsi sun hundinuu alaa jalqabee hamma oobdii guddichaatti, hundee irraa jalqabee hamma mataa keenyan manaatti dhagaa gatii guddaa kan safaramee muramee fi kan keessii fi duubni isaa magaaziidhaan miidhagfameen hojjetame.
1KI 7:10 Hundeen isaas dhagoota gurguddaa gatii guddaa qaban kanneen gariin isaanii dhundhuma kudhan gariin isaanii immoo dhundhuma saddeeti taʼaniin buufame.
1KI 7:11 Hundee kana irraanis dhagoota gatii guddaa kanneen safaramanii murmuramanii fi birbirsatu ture.
1KI 7:12 Oobdiin guddichis akkuma oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo kan keessaatii fi gardaafoo isaa sanaa keenyan manaa kan toora dhagaa soofamee ijaarame sadii fi toora saanqaa birbirsaa kan miidhagfamee hojjetame tokkoon marfame.
1KI 7:13 Solomoon mootichi Xiiroositti nama ergee Huuraamin fichisiise;
1KI 7:14 haati Huuraam haadha hiyyeessaa kan gosa Niftaalem turte; abbaan isaa immoo nama gosa Xiiroos kan ogummaa hojii naasii qabu ture. Huuraam kun nama ogummaa guddaa qabu kan hojii naasii hunda keessatti muuxannoo qabu ture. Innis gara Solomoon mootichaa dhufee hojii isatti kenname hunda hojjete.
1KI 7:15 Hiiraam utubaa naasii lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudha saddeet ol dheeratanii dhundhuma kudha lama furdatan hojjete.
1KI 7:16 Fiixee utubaawwan sanaa irra kaaʼuudhaafis naasii baqfame irraa guutuu lama tolche; tokkoon tokkoon guutuu sanaas dhundhuma shan shan ol dheerata ture.
1KI 7:17 Ergasiis guutuuwwan fiixee utubaawwan irraa sanaaf foncaa wal keessa loofame akka gingilchaatti hojjetame lama tolche; tokkoo tokkoo guutuu sanaatiifis gingilchaa torba torbatu qoodame.
1KI 7:18 Innis guutuuwwan fiixee utubaawwanii irra jiran sana miidhagsuuf jedhee tokkoo tokkoo gingilchaa sanaatti naannessee toora lamaan roomaanota tolche. Tokkoo tokkoo guutuwwaniitiifis akkasuma tolche.
1KI 7:19 Guutuuwwan gardaafoo keessa fiixee utubaawwanii irra jiranis daraaraa fakkaatanii dhundhuma afur afur ol dheeratu ture.
1KI 7:20 Guutuuwwan fiixee utubaawwan lamaanii irra kutaa waciitii fakkaatu kan gingilchaawwanitti aanuun gara irraa roomaanoota dhibba lamatu tooraan itti naannaʼee ture.
1KI 7:21 Innis utubaawwan sana gardaafoo mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin “Yaakiin” kan karaa kaabaatiin immoo “Boʼeez” jedhe.
1KI 7:22 Guutuuwwan fiixee sana irra jiran daraaraa fakkaatu turan. Hojiin utubaawwan irraas akkasiin dhume.
1KI 7:23 Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche. Naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe.
1KI 7:24 Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti wiillee kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Willeewwan sunis Gaanii sana wajjin tarree lamaan walumatti baqfamanii hojjetaman.
1KI 7:25 Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture.
1KI 7:26 Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma lama qabata ture.
1KI 7:27 Akkasumas baattuuwwan naasii kanneen iddoo tokkoo sochoʼuu dandaʼan kudhan tolche; tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma afur afur lafa irra dheeratanii balʼina dhundhuma afur afuriitii fi ol dheerina dhundhuma sadii sadii qabu turan.
1KI 7:28 Haalli itti baattuuwwan kunneen hojjetamanis kana: Isaanis sibiila babalʼaa michichilaan marfame qabu ture.
1KI 7:29 Sibiilawwan michichilaan marfaman sana irras fakkii leencawwanii, kan jibootaatii fi kan kiirubeeliitu ture; michichilawwan sana irras akkasuma ture. Fakkii leencawwaniitii fi jiboota sana jalaa fi gubbaanis fakkii daraaraa foʼamaa kan sibiila tumameen tolfame tokkotu ture.
1KI 7:30 Tokkoon tokkoon baattuu sanaa goommaa naasii afur afurii fi somaa naasii qaba ture; goleewwan afraniinis utubaawwanitu ture; utubaawwan kunneenis baqfamanii daraaraa foʼamaadhaan miidhagfamanii tolfaman.
1KI 7:31 Gara keessa baattuu sanaatiin uraa geengoo kan dhundhuma tokko gad fagaatutu ture. Uraan kunis geengoo taʼee jalli isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata ture. Naannoo uraa isaatti waan soofamee faayeffame tokkotu ture. Sibiilli baattuu sanaa balʼaan roga afuriin wal qixxee ture malee geengoo hin turre.
1KI 7:32 Goommaawwan afran sun sibiila babalʼaa jala turan; somaan goommaawwaniis baattuu sanaan walitti qabsiifamee ture. Balʼinni tokkoo tokkoo goommaa sanaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
1KI 7:33 Goommaawwan sunis akkuma goommaawwan gaariitti hojjetaman. Somaan isaanii, hidhiin isaanii, hokkoon isaaniitii fi handhuurri isaanii hundinuu sibiila baqfame irraa hojjetame.
1KI 7:34 Tokkoo tokkoo goleewwan baattuu sanaa afran irra michichilawwan afurtu ture; michichilawwan isaas baattuudhuma sanaan walitti hojjetaman.
1KI 7:35 Fiixee baattuu sanaa irra geengoo maramaa dhundhuma walakkaa dheeratu tokkotu ture. Michichilawwanii fi sibiilli babalʼaan sun fiixee baattuu sanaatti qabsiifamanii turan.
1KI 7:36 Innis michichilawwanii fi sibiila babalʼaa irratti iddoo hundatti fakkii kiirubeelii, kan leencotaatii fi kan mukkeen meexxii soofee fakkii daraaraa foʼamees naannoo isaanii guutuutti marse.
1KI 7:37 Haalli inni ittiin baattuuwwan kurnan sana hojjetes kanaa dha. Isaan hundinuu haaluma tokkoon baqfamanii hojjetaman; wal qixxaataniis bifa tokko qabaatan.
1KI 7:38 Ergasiis caabiiwwan naasii kudhan kanneen tokkoon tokkoon isaanii safartuu baadoos afurtama qabaatee balʼinni isaas dhundhuma afur taʼu hojjete; tokkoo tokkoo baattuuwwan kurnan sanaa irras caabii tokko tokkotu ture.
1KI 7:39 Innis baattuuwwan sana keessaa shan karaa kibba mana qulqullummaatiin, shan immoo karaa kaaba mana qulqullummaatiin dhaabe. Gaanii sana immoo karaa kibbaatiin, kibba baʼa golee mana qulqullummaatiin dhaabe.
1KI 7:40 Inni okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche. Hiiroomis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon mootichaaf hojjechaa ture hunda fixe; hojiin kunis:
1KI 7:41 Utubaawwan lamaan; guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan; wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan;
1KI 7:42 wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
1KI 7:43 baattuuwwan kurnan, caabii isaanii kurnan wajjin;
1KI 7:44 gaanii fi korommii loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
1KI 7:45 okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaranii fi caabiiwwan. Miʼi Huuraam mana qulqullummaa Waaqayyootiif jedhee Solomoon mootichaaf hojjete sun hundinuu naasii cululuqaa irraa tolfame.
1KI 7:46 Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise.
1KI 7:47 Solomoon waan isaan akka malee baayʼee taʼaniif miʼoota kanneen hunda hin madaalle; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.
1KI 7:48 Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise: Isaanis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame; minjaala warqee kan buddeenni ilaalchaa irra ture;
1KI 7:49 baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman shan karaa mirgaatiin, shan immoo karaa bitaatiin fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa dura dhaabaman sana, daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee irraa hojjetaman;
1KI 7:50 caabiiwwan, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman; cufaawwan kutaa manichaa kanneen gara keessaatiif jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaaf, akkasumas cufaawwan galma guddichaa kanneen mana qulqullummaatiif aguuraawwan warqee.
1KI 7:51 Solomoon mootichi yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe.
1KI 8:1 Ergasii Solomoon Mootichi Xiyoon Magaalaa Daawit irraa taabota kakuu Waaqayyoo ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti fuula ofii isaa duratti walitti waame.
1KI 8:2 Israaʼeloonni hundinuus jiʼa Eetaaniim, jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti Solomoon Mooticha biratti walitti qabaman.
1KI 8:3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti luboonni taaboticha ol fuudhan;
1KI 8:4 isaanis taabota Waaqayyoo sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Luboonnii fi Lewwonnis baatanii ol isaan fidan;
1KI 8:5 Solomoon Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.
1KI 8:6 Luboonnis ergasii taabota kakuu Waaqayyoo sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan.
1KI 8:7 Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan gaaddiseessan.
1KI 8:8 Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii Iddoo Qulqulluu fuula iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu Iddoo Qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru.
1KI 8:9 Taabota sana keessa gabateewwan dhagaa kanneen Museen Kooreebitti iddoo Waaqayyo erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.
1KI 8:10 Akkuma luboonni Iddoo Qulqulluu sana keessaa baʼaniin duumessi mana qulqullummaa Waaqayyoo guute.
1KI 8:11 Luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa isaa guutee tureetii.
1KI 8:12 Ergasii Solomoon akkana jedhe; “Waaqayyo akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera;
1KI 8:13 ani dhugumaan mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera.”
1KI 8:14 Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise.
1KI 8:15 Akkanas jedhe: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawitiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii;
1KI 8:16 ‘Ani gaafan saba koo Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne; garuu akka inni saba koo Israaʼelin bulchuuf Daawitin filadheera.’
1KI 8:17 “Daawit abbaan koo Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture.
1KI 8:18 Waaqayyo garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha.
1KI 8:19 Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’
1KI 8:20 “Waaqayyo waadaa gale sana eegeera; akkuma Waaqayyo waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera.
1KI 8:21 Anis achi keessatti taabotaaf iddoo qopheesseera; taabota sana keessa immoo kakuu Waaqayyoo kan inni yeroo Gibxii isaan baasetti abbootii keenya wajjin gale sanatu jira.”
1KI 8:22 Solomoon iddoo aarsaa Waaqayyoo duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa gara samiitti ol balʼisee
1KI 8:23 akkanas jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
1KI 8:24 Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta.
1KI 8:25 “Ammas yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, amanamummaan fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif.
1KI 8:26 Kanaafuu amma yaa Waaqa Israaʼel dubbiin ati garbicha kee abbaa koo Daawitiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu.
1KI 8:27 “Garuu dhugumaan Waaqni lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatu ree!
1KI 8:28 Taʼus yaa Waaqayyo Waaqa ko, kadhannaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi kadhannaa garbichi kee harʼa fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi.
1KI 8:29 Akka ati kadhannaa garbichi kee fuula isaa garanatti deebifatee kadhatuuf iji kee halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa, gara iddoo ati, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jette kanaa haa ilaalu.
1KI 8:30 Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi.
1KI 8:31 “Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate,
1KI 8:32 ati samii irraa dhagaʼiitii tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni.
1KI 8:33 “Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni gara keetti deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti kadhatee si waammatutti,
1KI 8:34 samii irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi.
1KI 8:35 “Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef samiiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan,
1KI 8:36 ati samii irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi.
1KI 8:37 “Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinni isaan marsutti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti,
1KI 8:38 yoo sabni kee Israaʼel rakkina garaa ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse,
1KI 8:39 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; gargaaris. Si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni;
1KI 8:40 yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaataniif.
1KI 8:41 “Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa keetiif jedhee,
1KI 8:42 sababii isaan waaʼee maqaa kee guddichaa, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaa dhagaʼaniif biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee kadhate,
1KI 8:43 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif.
1KI 8:44 “Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee Waaqayyoon kadhate,
1KI 8:45 ati samii irraa kadhannaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu.
1KI 8:46 “Sababii namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef, yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya isaa kan fagoo yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita;
1KI 8:47 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojitoota isaanii keessatti si kadhatan,
1KI 8:48 yoo isaan biyya diinota isaanii kanneen boojiʼanii isaan fudhatan sanaa keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan,
1KI 8:49 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu.
1KI 8:50 Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi; yakka isaan sitti hojjetan hundas isaaniif dhiisiitii akka boojitoonni isaanii garaa isaaniif laafan godhi;
1KI 8:51 isaan saba keetii fi dhaala kee kan ati Gibxii boolla ibiddaa kan sibiila itti baqsan keessaa baafteedhaatii.
1KI 8:52 “Iji kee waammata garbicha keetiitii fi waammata saba kee Israaʼel haa argu; atis yeroo isaan sitti iyyatan hunda isaan dhagaʼi.
1KI 8:53 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkuma gaafa Gibxi keessaa abbootii keenya baafte sana karaa garbicha kee Museetiin dubbattetti, akka isaan dhaala kee taʼaniif jettee saboota addunyaa kanaa hunda keessaa isaan filatteetii.”
1KI 8:54 Solomoonis kadhannaa fi waammata Waaqayyotti dhiʼeeffachaa ture sana hunda fixannaan fuula iddoo aarsaa Waaqayyoo duraa, iddoo itti harka isaa samiitti ol balʼifatee jilbeenfatee ture sanaa kaʼe.
1KI 8:55 Innis dhaabatee akkana jedhee sagalee guddaadhaan waldaa Israaʼel hunda eebbise:
1KI 8:56 “Waaqayyo akkuma abdachiisee ture sanatti saba isaa Israaʼeliif boqonnaa kenne sanaaf galanni haa taʼu. Abdii gaarii inni karaa garbicha isaa Museetiin kenne sana hunda keessaa jechi tokko iyyuu lafa hin buune.
1KI 8:57 Waaqayyo Waaqni keenya akkuma abbootii keenya wajjin ture sana nu wajjin haa jiraatu; inni yoom iyyuu nu hin dhiisin yookaan nu hin gatin.
1KI 8:58 Akka nu karaa isaa hunda irra deemnee ajajawwan, seerawwanii fi qajeelchawwan inni abbootii keenyaaf kennee ture sana eegnuuf inni garaa keenya gara ofii isaatti haa deebisu.
1KI 8:59 Akka Waaqayyo akkuma guyyaa guyyaan barbaachisaa taʼetti garbicha isaatii fi saba isaa Israaʼel hunda gargaaruuf kadhannaan koo kan ani fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessu kun halkanii fi guyyaa Waaqayyo Waaqa keenya bira haa gaʼu;
1KI 8:60 kunis akka sabni lafa irra jiraatu hundi akka Waaqayyo Waaqa taʼee fi akka isa malee Waaqni biraa hin jirre beekuuf.
1KI 8:61 Kanaafuu isin akkuma harʼaa kana seerawwan isaatiin buluu fi ajajawwan isaa eeguudhaaf guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keenyaaf of kennuu qabdu.”
1KI 8:62 Ergasii mootichii fi sabni Israaʼel kanneen isa wajjin turan hundi fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessan.
1KI 8:63 Solomoonis aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeesse; aarsaan dhiʼeeffames loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Akkasiin mootichii fi sabni Israaʼel hundi mana qulqullummaa Waaqayyoo eebbisan.
1KI 8:64 Mootichis guyyuma sana iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baasee aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi aarsaa nagaa achitti dhiʼeesse; kunis sababii iddoon aarsaa kan naasii irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma aarsaa nagaa baachuu hin dandeenyeef.
1KI 8:65 Kanaafuu Solomoon yeroo sanatti Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate. Isaanis ayyaana kana bultii torbaa fi bultii biraa torba walumaa galatti bultii kudha afur fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti ayyaaneffatan.
1KI 8:66 Innis guyyaa itti aanutti namoota of irraa geggeesse. Isaanis waan gaarii Waaqayyo garbicha ofii isaa Daawitii fi saba ofii isaa Israaʼeliif hojjete hundaaf mooticha eebbisanii ililchaa garaa isaanii keessatti gammadaa mana isaaniitti galan.
1KI 9:1 Yommuu Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaaree waan hojjechuu barbaade hunda fixetti,
1KI 9:2 Waaqayyo akkuma Gibeʼoonitti isatti mulʼate sana ammas yeroo lammaffaa isatti mulʼate.
1KI 9:3 Waaqayyo akkana isaan jedhe: “Ani kadhannaa fi waammata ati fuula koo duratti dhiʼeessite dhagaʼeera; ani mana qulqullummaa kan ati ijaarte kana maqaa koo bara baraan achi keessa kaaʼuudhaan eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira.
1KI 9:4 “Yoo ati akkuma Daawit abbaan kee godhe sana garaa qulqulluu fi qajeelummaan fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde,
1KI 9:5 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama teessoo Israaʼel irra taaʼu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawitiif waadaa gale sana teessoo mootummaa keetii Israaʼel irratti jabeessee bara baraan nan dhaaba.
1KI 9:6 “Garuu yoo ati yookaan ilmaan kee narraa gortanii ajajawwanii fi qajeelchawwan ani isinii kenne sana irraa gara waaqota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan,
1KI 9:7 ani biyya isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan ariʼa; mana qulqullummaa kan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa. Ergasiis Israaʼel saboota hunda biratti waan kolfaatii fi waan qoosaa taati.
1KI 9:8 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa; namni achiin darbu hundis dinqisiifatee, ‘Waaqayyo maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa.
1KI 9:9 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Waaqayyo Waaqa isaanii kan abbootii isaanii Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu.”
1KI 9:10 Dhuma waggaa digdamaatti, yeroo itti Solomoon manneen lamaan jechuunis mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaare sanatti,
1KI 9:11 Hiiraam mootichi Xiiroos akkuma Solomoon Mootichi barbaadetti muka birbirsaatii fi gaattiraa akkasuma warqee kenneef; Solomoon immoo magaalaawwan Galiilaa keessa jiran digdama Hiiraam mooticha Xiiroosiif kenne.
1KI 9:12 Hiiraam garuu yommuu Xiiroos irraa kaʼee magaalaawwan Solomoon isaaf kenne ilaaluu dhaqetti magaalaawwan sanatti hin gammanne.
1KI 9:13 Innis, “Yaa obboleessoo, magaalaawwan ati naa kennite kunneen magaalaawwan akkamii ti?” jedhee isa gaafate. Kanaafuu biyya Kaabuul jedhee maqaa hamma harʼaatti ittiin waamaman tokko baaseef.
1KI 9:14 Hiiraamis warqee taalaantii 120 mootichaaf ergee ture.
1KI 9:15 Seenaan itti Solomoon Mootichi mana qulqullummaa Waaqayyoo, masaraa mootummaa kan ofii isaa Miiloo, dallaa Yerusaalem, Haazoor, Megidoo fi Geezirin ijaaruuf hojjettoota dirqamanii hojii humnaa hojjetanitti fayyadame kanaa dha.
1KI 9:16 Faraʼoon mootichi Gibxi Geezirin lolee qabatee ture. Innis ibidda itti qabsiise; Kanaʼaanota achi keessa jiraatan fixee intala ofii isaa, niitii Solomoon sanaaf magaalattii gabbara godhee kenne.
1KI 9:17 Solomoonis deebisee Geezirin ijaare. Innis Beet Horoon gad aanu,
1KI 9:18 Baaʼilaati, Tadmoor kan gammoojjii biyya Yihuudaa keessatti argamtu sana,
1KI 9:19 akkasumas magaalaawwan kuusaawwan isaa hunda, magaalaawwan gaariiwwanii fi kan fardeen isaa, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumas ni ijaare.
1KI 9:20 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin kanneen Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.
1KI 9:21 Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni balleessuu hin dandaʼin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.
1KI 9:22 Solomoon garuu Israaʼeloota keessaa nama tokko illee hin garboomsine; isaan loltoota isaa, qondaaltota mootummaa isaa, ajajjuuwwan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi ajajjuuwwan abbootii fardaa isaa turan.
1KI 9:23 Isaan akkasumas hojii Solomoon hojjechiisaa ture keessatti qondaaltota hangafoota turan; qondaaltonni 550 hojjettoota hojii hojjetan kana toʼachaa turan.
1KI 9:24 Solomoonis erga intalli Faraʼoon sun Magaalaa Daawit keessaa gara masaraa mootummaa kan Solomoon isheef ijaare sana dhuftee booddee Miiloo ijaare.
1KI 9:25 Solomoon waggaatti yeroo sadii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa iddoo aarsaa kan Waaqayyoof ijaare sana irratti dhiʼeessa ni ture; sana wajjinis, fuula Waaqayyoo duratti ixaana aarsee akkasiin hojii ijaarsa mana qulqullummaa fixe.
1KI 9:26 Solomoon mootichi amma illee Eziyoon Geber ishee biyya Edoom keessa, Eelooti bira jirtu keessatti qarqara Galaana Diimaatti dooniiwwan hojjete.
1KI 9:27 Hiiraamis akka isaan namoota Solomoon wajjin dooniiwwan irra hojjetaniif namoota isaa warra doonii oofan kanneen galaanicha beekan erge.
1KI 9:28 Isaanis dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii 420 fidanii Solomoon mootichatti kennan.
1KI 10:1 Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomooniitii fi ulfina inni maqaa Waaqayyootiif qabuu dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Solomoon dhufte.
1KI 10:2 Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee Yerusaalem dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte.
1KI 10:3 Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni mootichi isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre.
1KI 10:4 Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare,
1KI 10:5 nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte.
1KI 10:6 Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha.
1KI 10:7 Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti wantoota kanneen hin amanne. Dhugumaan walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati ogummaa fi badhaadhummaadhaan oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta.
1KI 10:8 Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan!
1KI 10:9 Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee teessoo Israaʼel irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqayyo sababii Israaʼeliif jaalala bara baraa qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf mootii si godheera.”
1KI 10:10 Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa baayʼatu gonkumaa ergasii hin fidamne.
1KI 10:11 Dooniiwwan Hiiraam biyya Oofiir irraa warqee fidan; isaanis feʼiisa muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii baayʼee achii ni fidan.
1KI 10:12 Mootichis muka sandalii sana utubaa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Mukni sandalii kan akkas baayʼatu ergasii hamma harʼaatti takkumaa alaa hin fidamne yookaan hin argamne.
1KI 10:13 Solomoon Mootichis waan qabeenya mootummaa ofii isaa keessaa kenneef irratti dabalee waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite.
1KI 10:14 Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture;
1KI 10:15 kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi xixinnaa irraa argamuu fi galii inni mootota biyya Arabaa hundaa fi bulchitoota biyya keessaa irraa argatu hin dabalatu.
1KI 10:16 Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe.
1KI 10:17 Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche; tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee minnaanii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe.
1KI 10:18 Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise.
1KI 10:19 Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; karaa dugda duubaatiin fiixee geengoo tokko qaba. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture.
1KI 10:20 Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne.
1KI 10:21 Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne.
1KI 10:22 Mootichis dooniiwwan Hiiraam gidduudhaa dooniiwwan daldalaa galaana irraa qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture.
1KI 10:23 Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture.
1KI 10:24 Addunyaan hundinuu ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaada ture.
1KI 10:25 Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture.
1KI 10:26 Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate.
1KI 10:27 Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu godhe.
1KI 10:28 Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite.
1KI 10:29 Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.
1KI 11:1 Solomoon Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan.
1KI 11:2 Jarri kunneen saboota Waaqayyo, “Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa” jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Solomoon jaalalaan isaanitti hidhame.
1KI 11:3 Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan.
1KI 11:4 Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
1KI 11:5 Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe.
1KI 11:6 Solomoonis akkasiin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti Waaqayyo duukaa hin buune.
1KI 11:7 Solomoonis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Waaqa Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Waaqa Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare.
1KI 11:8 Inni akka isaan ixaana aarsanii waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessaniifis niitota isaa kanneen biyya ormaatii fuudhe hundumaaf iyyuu akkasuma godhe.
1KI 11:9 Waaqayyos sababii garaan Solomoon Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan yeroo lama isatti mulʼate sana irraa goreef isatti aare.
1KI 11:10 Waaqni akka Solomoon waaqota biraa duukaa hin buune isa dhowwu iyyuu, Solomoon ajaja Waaqayyoo hin eegne.
1KI 11:11 Kanaafuu Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe; “Sababii yaadni kee akkana taʼee, atis kakuu fi seera ani siif kenne sana hin eeginiif, ani dhugumaan mootummaa sirraa baqaqsee tajaajilaa keetiif nan kenna.
1KI 11:12 Taʼus ani sababii abbaa kee Daawitiif jedhee waan kana bara jireenya keetii keessa hin godhu. Harka ilma keetii keessaa mootummaa kana nan baqaqsa.
1KI 11:13 Taʼus ani mootummaa sana guutumaan guutuutti isa irraa hin baqaqsu; garuu ani sababii garbicha koo Daawitii fi sababii Yerusaalem ishee ani filadhe sanaatiif jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna.”
1KI 11:14 Waaqayyo diina tokko namicha Hadaad jedhamu kan gosa Edoom namicha sanyii moototaa tokko Solomoonitti kaase.
1KI 11:15 Duraan yeroo Daawit Edoomiin wal lolaa turetti, Yooʼaab ajajaan loltootaa kan warra duʼe awwaaluu dhaqe sun namoota Edoom hunda barbadeesse.
1KI 11:16 Yooʼaabii fi Israaʼeloonni hundinuu hamma namoota Edoom keessa jiraatan hunda fixanitti jiʼa jaʼa achi turan.
1KI 11:17 Hadaad garuu yeroo sana mucaa xinnaa ture; innis qondaaltota Edoom kanneen abbaa isaa tajaajilaa turan wajjin Gibxitti baqate.
1KI 11:18 Isaanis Midiyaanii kaʼanii Phaaraan dhaqan. Phaaraan keessaas namoota fudhatanii gara mooticha Gibxi, gara Faraʼoon dhaqan; Faraʼoonis mana, lafa inni qubatuu fi nyaata Hadaadiif kenne.
1KI 11:19 Faraʼoon akka malee Hadaaditti gammadee obboleettii niitii isaa, obboleettii Tahifenees Mootittii isatti heerumsiise.
1KI 11:20 Obboleettiin Tahifenees sunis ilma Geenbaat jedhamu tokko deesseef; Taahefenee mucaa sana fuutee masaraa mootummaa keessatti guddifte. Genubatis ijoollee Faraʼoon wajjin achi jiraate.
1KI 11:21 Hadaad utuu biyya Gibxi keessa jiruu akka Daawit abbootii ofii isaa wajjin boqotee fi akka Yooʼaab ajajaan loltootaa sunis duʼe ni dhagaʼe. Hadaadis Faraʼooniin, “Akka ani biyya kootti deebiʼuuf naa eeyyami” jedhe.
1KI 11:22 Faraʼoon immoo, “Ati maal asii dhabdee biyya keetti deebiʼuu feeta?” jedhee isa gaafate. Hadaadis deebisee, “Homaa hin dhabne; garuu akka ani dhaqu naa eeyyami!” jedheen.
1KI 11:23 Waaqni amma illee diina biraa Rezoon ilma Eliyaadaa namicha gooftaa isaa Hadaadezer mootichaa Zoobaa jalaa baqate sana Solomoonitti kaase.
1KI 11:24 Innis yeroo Daawit loltoota Suubaa barbadeessetti namoota of biratti walitti qabatee hoogganaa tuuta finciltootaa taʼe; finciltoonni sunis Damaasqoo dhaqanii achi jiraatan; isas achitti mootii godhatan.
1KI 11:25 Reezoon rakkina Hadaad fide sanatti dabalee bara jireenya Solomoon hunda diina Israaʼel ture. Reezoon bulchaa Sooriyaa ture; Israaʼelinis akka malee jibbaa ture.
1KI 11:26 Yerobiʼaam ilmi Nebaat mootichatti fincile. Innis qondaaltota Solomoon keessaa nama tokko ture; inni nama gosa Efraataa kan Zereedaadhaa dhufe ture; haati isaa immoo niitii dhirsa hin qabne kan Zeruwaa jedhamtu turte.
1KI 11:27 Sababiin inni ittiin mootichatti kaʼes kanaa dha: Solomoonis Miiloo ijaaree dallaa magaalaa abbaa isaa Daawit deebisee haaromse.
1KI 11:28 Yerobiʼaam goota cimaa ture; Solomoonis akka dargaggeessi sun jabaatee hojii isaa hojjetu arginaan itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa kan mana Yoosef hundaa isa godhe.
1KI 11:29 Gaaf tokko utuu Yerobiʼaam Yerusaalem keessaa baʼaa jiruu Ahiiyaan raajichi Shiiloo kaabbaa haaraa uffatee isatti dhufe. Isaan lachuu kophuma isaanii ala turan;
1KI 11:30 Ahiiyaan kaabbaa haaraa uffate sana fuudhee iddoo kudha lamatti gargari tarsaase.
1KI 11:31 Ergasiis Yerobiʼaamiin akkana jedhe; “Qooda kudhan ofii keetii fudhadhu; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Kunoo ani harka Solomooniitii mootummaa baqaqsee gosa kudhan siifin kenna.
1KI 11:32 Garuu sababii garbicha koo Daawitii fi sababii magaalaa Yerusaalem kan ani gosa Israaʼel hunda keessaa filadhe sanaatiif inni gosa tokko ni argata.
1KI 11:33 Ani sababii isaan na dhiisanii Ashtooreti waaqittii Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha Moʼaabotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa waaqeffatanii fi sababii isaan karaa koo irra hin deeminiif yookaan sababii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hin hojjetiniif yookaan sababii isaan akka Daawit abbaan Solomoon hojjete sana sirnaa fi seera koo hin eeginiif waan kana hojjedhe.
1KI 11:34 “ ‘Ani garuu mootummaa sana guutumaan guutuutti harka Solomoonii hin fuudhu; ani sababii Daawit garbicha koo kan ani filadhe, kan ajaja koo fi sirna koo eege sanaatiif jedhee Solomoonin bara jireenya isaa guutuu bulchaa godheera.
1KI 11:35 Ani harka ilma isaatii mootummaa sana fuudhee gosa kudhan siifin kenna.
1KI 11:36 Ani akka garbichi koo Daawit yeroo hunda Yerusaalem magaalaa ani Maqaa koo achi kaaʼachuuf filadhe sana keessatti fuula koo duratti ibsaa qabaatuuf jedhee gosa tokko ilma isaatiif nan kenna.
1KI 11:37 Siʼi garuu ani nan fudhadha; atis waan garaan kee fedhu hunda ni bulchita; Israaʼel irratti mootii ni taata.
1KI 11:38 Yoo ati akkuma garbichi koo Daawit hojjete sana, waan ani si ajaju hunda hojjettee karaa koo irra deemte, yoo ati sirnaa fi ajaja koo eeguudhaan waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hojjete, ani si wajjin nan taʼa. Anis mootummaa bulu kan akkan Daawitiif dhaabe sanaa siifis nan dhaaba; akkasumas Israaʼelin sitti nan kenna.
1KI 11:39 Ani waan kanaaf jedhee sanyii Daawit nan dhiphisa; garuu bara baraanii miti.’ ”
1KI 11:40 Solomoonis Yerobiʼaamin ajjeesuu yaale; Yerobiʼaam garuu gara Shiishaaq mooticha Gibxitti baqatee hamma Solomoon duʼutti achuma ture.
1KI 11:41 Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, wanni inni hojjetee fi ogummaan isaa hundi kitaaba seenaa Solomoon keessatti barreeffamanii jiru mitii?
1KI 11:42 Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche.
1KI 11:43 Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.
1KI 12:1 Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
1KI 12:2 Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni yeroo sanatti Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
1KI 12:3 Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi waldaan Israaʼel guutuun gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
1KI 12:4 “Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
1KI 12:5 Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadiif deemaatii ergasii deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
1KI 12:6 Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
1KI 12:7 Isaanis, “Yoo ati harʼa tajaajilaa saba kanaaf taatee isaan tajaajiltee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
1KI 12:8 Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
1KI 12:9 Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
1KI 12:10 Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni kunneen, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
1KI 12:11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’ ”
1KI 12:12 Bultii sadii booddee Yerobiʼaamii fi namoonni hundi akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
1KI 12:13 Mootichi immoo afaan hamaadhaan namoota sanaaf deebii kenne. Gorsa maanguddoonni kennaniif sana didee
1KI 12:14 gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
1KI 12:15 Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
1KI 12:16 Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? Ilma Isseey irraas maal qabna? Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! Yaa Daawit mana kee eeggadhu!” Kanaafuu Israaʼeloonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
1KI 12:17 Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
1KI 12:18 Rehooboʼaam Mootichis, Adooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼel hundi immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeese. Rehooboʼaam Mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
1KI 12:19 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.
1KI 12:20 Israaʼeloonni hundinuu akka Yerobiʼaam deebiʼe dhageenyaan nama itti erganii gara waldaatti isa waamanii Israaʼel hunda irratti mootii isa godhan. Gosa Yihuudaa qofatu mana Daawitiif amanamaa taʼee hafe.
1KI 12:21 Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaam ilma Solomooniif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa hundaa fi gosa Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
1KI 12:22 Garuu dubbiin Waaqaa kun akkana jedhee gara nama Waaqaa, gara Shemaaʼiyaa ni dhufe;
1KI 12:23 “Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatiin, Yihuudaa fi Beniyaam hundaan, saba hafeenis akkana jedhi;
1KI 12:24 ‘Waaqayyo akkana jedha; obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’ ” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii akkuma Waaqayyo ajaje sanatti mana ofii isaaniitti dachaʼan.
1KI 12:25 Yerobiʼaamis ergasii biyya gaaraa Efreem keessatti Sheekemin jabeessee ijaaree achi jiraate. Achiis baʼee Phenuuʼeelin ijaare.
1KI 12:26 Yerobiʼaam akkana jedhee garaa isaatti yaade; “Amma mootummaan mana Daawitiif ni deebiʼa.
1KI 12:27 Namoonni kunneen yoo mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Yerusaalem jiru sanatti aarsaa dhiʼeessuuf ol baʼan amma illee gara gooftaa isaanii Rehooboʼaam mooticha Yihuudaatti garagalu. Isaan na ajjeesanii gara Rehooboʼaam Mootichaatti deebiʼu.”
1KI 12:28 Kanaafuu mootichi mariʼatee jabbiiwwan lama warqee irraa tolche. Namoota sanaanis, “Yerusaalemitti ol baʼuun akka malee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel waaqonni keessan kanneen Gibxii baasanii isin fidan kunoo ti” jedhe.
1KI 12:29 Innis jabbii tokko Beetʼeel keessa, kaan immoo Daan keessa dhaabe.
1KI 12:30 Wanni kunis cubbuu itti taʼe; namoonnis jabbii achi jiru sana waaqeffachuuf hamma Daanitti deeman.
1KI 12:31 Yerobiʼaamis gaara irratti iddoo sagadaa ijaaree saboota Lewwota hin taʼin keessaa luboota muude.
1KI 12:32 Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaa keessa ayyaana akkuma ayyaana Yihuudaa keessatti ayyaaneffame sanaa tokko hundeessee iddoo aarsaa irratti qalma dhiʼeesse. Kanas fakkiiwwan jabbii kanneen tolchee ture sanaatiif aarsaa dhiʼeessuudhaan Beetʼeelitti hojjete. Akkasumas Beetʼeelitti iddoo sagadaa kan gaara irratti ijaaree ture sanatti luboota ramade.
1KI 12:33 Innis bultii kudha shanaffaa jiʼa saddeettaffaatti jiʼuma ofii filate keessa gara iddoo aarsaa kan Beetʼeelitti ijaare sanaatti ol baʼe. Saba Israaʼeliifis guyyaa ayyaanaa hundeessee ixaana aarsuuf gara iddoo aarsaatti ol baʼe.
1KI 13:1 Utuma Yerobiʼaam aarsaa dhiʼeessuuf iddoo aarsaa bira dhaabachaa jiruu namni Waaqaa tokko ajaja Waaqayyootiin Yihuudaadhaa baʼee Beetʼeel dhufe.
1KI 13:2 Innis ajaja Waaqayyootiin iddoo aarsaa sanaan mormuudhaan iyyee akkana jedhe; “Yaa iddoo aarsaa, yaa iddoo aarsaa! Waaqayyo akkana jedha; ‘Kunoo ilmi Yosiyaas jedhamu tokko mana Daawit keessaa ni dhalata. Innis luboota iddoo sagadaa kan gaarran irraa warra amma asitti aarsaa dhiʼeessaa jiran kanneen aarsaa godhee sirratti ni dhiʼeessa; lafeen namaas sirratti ni gubama.’ ”
1KI 13:3 Namni Waaqaa sunis gaafasuma akkana jedhee mallattoo kenne; “Mallattoon Waaqayyo dubbate kanaa dha; kunoo iddoon aarsaa gargar baqaqa; daaraan isa irra jirus gad jiga.”
1KI 13:4 Yerobiʼaam mootichi yommuu waan namni Waaqaa sun iyyee iddoo aarsaa kan Beetʼeel sanaan mormuudhaan dubbate dhagaʼetti iddoo aarsaa biraa namichatti harka qabee, “Isa qabaa!” jedhe. Harki inni namichatti qabe sun garuu gogee hafe; innis harka isaa deebifachuu hin dandeenye.
1KI 13:5 Iddoon aarsaa sunis akkuma mallattoo namni Waaqaa sun dubbii Waaqayyootiin kenne sanaatti gargari baqaqee daaraan isa irra tures lafatti gad jige.
1KI 13:6 Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Maaloo akka harki koo deebiʼee naa fayyuuf Waaqayyo Waaqa kee jabeessii naa kadhadhu.” Kanaafuu namni Waaqaa sun Waaqayyoon jabeessee kadhateef; harki mootichaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeef.
1KI 13:7 Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Kottu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu; anis kennaa siifin kennaa” jedhe.
1KI 13:8 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee mootichaaf deebii kenne; “Yoo ati walakkaa qabeenya keetii illee naa kennite ani si wajjin hin deemu yookaan asitti buddeena hin nyaadhu yookaan bishaan hin dhugu.
1KI 13:9 Ani, ‘Buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte kanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
1KI 13:10 Kanaafuu inni karaa biraa qabatee deeme malee karaa gara Beetʼeel dhufe sanaan hin deebine.
1KI 13:11 Jaarsa raajii tokkotu Beetʼeel keessa jiraachaa ture; ilmaan isaas gara isaa dhufanii waan namni Waaqaa sun guyyaa sana achitti hojjete hunda isatti himan. Isaan waan inni mootichaan jedhes abbaa isaaniitti himan.
1KI 13:12 Abbaan isaaniis, “Inni karaa kamiin deeme?” jedhee isaan gaafate. Ilmaan isaa immoo karaa namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun qabatee deeme isatti argisiisan.
1KI 13:13 Kana irratti inni ilmaan isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe. Isaanis harree irra kooraa keenyaaniif inni harree sana yaabbatee
1KI 13:14 gulufee nama Waaqaa sana duukaa buʼe. Utuu inni muka qilxuu tokko jala taaʼuus argee, “Namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun siʼii?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Eeyyee ana” jedhee deebise.
1KI 13:15 Raajiin sunis, “Kottuu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu” jedheen.
1KI 13:16 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee deebiseef; “Ani deebiʼee si wajjin deemuu yookaan asitti si wajjin buddeena nyaachuu yookaan bishaan dhuguu hin dandaʼu.
1KI 13:17 Ani, ‘Ati achitti buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte sanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii Waaqayyootiin ajajameeraatii.”
1KI 13:18 Jaarsi raajiin sunis akkana jedhee deebii kenneef; “Ani iyyuu akkuma kee raajii dha. Ergamaan Waaqayyoo tokkos dubbii Waaqayyootiin akkana naan jedhe; ‘Akka inni buddeena nyaatee bishaan dhuguuf deebisii gara mana keetii isa fidi.’ ” Jaarsi sun garuu isa sobe.
1KI 13:19 Kanaafuu namni Waaqaa sun isa wajjin deebiʼee mana isaatti nyaatee dhuge.
1KI 13:20 Utuma isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu dubbiin Waaqayyoo jaarsa raajii isa deebisee fide sanatti dhufe.
1KI 13:21 Innis nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sanatti iyyee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha, ‘Ati dubbii Waaqayyoo xureessiteerta; ajaja Waaqayyo Waaqni kee siif kennes hin eegne.
1KI 13:22 Ati dugda duuba deebitee lafa inni itti hin nyaatin yookaan hin dhugin siin jedhe sanatti buddeena nyaattee bishaan illee dhugdeerta. Kanaafuu reeffi kee awwaala abbootii keetii keessatti hin awwaalamu.’ ”
1KI 13:23 Yommuu namni Waaqaa sun nyaatee dhugee raawwatetti, raajiin deebisee isa fide sun harree isaa irra kooraa kaaʼeef.
1KI 13:24 Akkuma inni karaa ofii qabateen leenci tokko karaa irratti itti dhufee isa ajjeese; reeffi isaas karaa irratti gatamee harree fi leenci sun reeffa sana bira dhadhaabatanii turan.
1KI 13:25 Namoonni achiin darban tokko tokko reeffa karaa irratti gatamee leenci bira dhaabate sana arganii gara magaalaa jaarsi raajiin sun jiraatuu dhaqanii odeessan.
1KI 13:26 Raajichi karaadhaa deebisee isa fide sun yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Inni nama Waaqaa kan dubbii Waaqayyootiif ajajamuu dide sanaa dha. Akkuma dubbiin Waaqayyoo isatti dubbatee ture sanatti Waaqayyo leenca cicciree isa ajjeesutti dabarsee isa kenne.”
1KI 13:27 Raajiin sunis ilmaan ofii isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe; isaanis akkasuma godhan.
1KI 13:28 Innis kaʼee deemee reeffa namichaa kan karaa irratti gatamee harree fi leenci sun bira dhadhaabatan arge. Leenci sun immoo reeffa sana hin nyaanne yookaan harree sana hin ciccirre.
1KI 13:29 Kanaafuu raajiin sun booʼeefii isa awwaaluuf jedhee reeffa nama Waaqaa sana harree irra kaaʼee fudhatee magaalaa ofii isaatti gale.
1KI 13:30 Innis reeffa sana awwaala ofii isaa keessa ciibse; isaanis, “Wayyoo, yaa obboleessa koo!” jedhanii booʼaniif.
1KI 13:31 Innis erga isa awwaalee booddee ilmaan ofii isaatiin akkana jedhe; “Yoo ani duʼe awwaala namni Waaqaa kun itti awwaalame keessatti na awwaalaa; lafee koos lafee isaa bira kaaʼaa.
1KI 13:32 Ergaan inni iddoo aarsaa kan Beetʼeel keessaatii fi iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Samaariyaa keessa gaarran irra jiran sana hundaan mormuudhaan dubbii Waaqayyootiin labse sun dhugumaan ni guutamaatii.”
1KI 13:33 Kana booddees Yerobiʼaam karaa isaa hamaa sana irraa hin deebine; garuu amma illee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa sanaaf saba hunda keessaa luboota muude. Innis nama luba taʼuu fedhu kam iyyuu iddoo sagadaa sanaaf addaan baase.
1KI 13:34 Cubbuun mana Yerobiʼaam kan kufaatii isaatii fi lafa irraa badiisa isaa fide sun kana ture.
1KI 14:1 Yeroo sana Abiyaan ilmi Yerobiʼaam dhukkubsannaan
1KI 14:2 Yerobiʼaam niitii ofii isaatiin akkana jedhe; “Ati niitii Yerobiʼaam taʼuun kee akka hin beekneef eenyummaa kee dhoksiitii kaʼii Shiiloo dhaqi. Ahiiyaan raajichi akka ani saba kana irratti mootii taʼu natti hime sun achi jiraatii.
1KI 14:3 Buddeena kudhan, maxinoo muraasaa fi damma okkotee tokko harkatti qabadhuu gara isaa dhaqi. Inni waan gurbaan kun taʼu sitti hima.”
1KI 14:4 Kanaafuu niitiin Yerobiʼaam waan inni jedheen sana gootee gara mana Ahiiyaa Shiiloo dhaqxe. Yeroo sana Ahiiyaan homaa hin argu ture; inni waan dulloomeef agartuun isaa dadhabee tureetii.
1KI 14:5 Waaqayyo garuu Ahiiyaadhaan akkana jedhe; “Niitiin Yerobiʼaam sababii ilmi ishee dhibameef waaʼee isaa si gaafachuuf dhufuutti jirti; ati akkanaa fi akkana jedhii deebisiif. Isheen yommuu dhuftu nama biraa of fakkeessitee dhufti.”
1KI 14:6 Ahiiyaan sagalee faana ishee dhageenyaan balbala irratti akkana jedheen; “Yaa niitii Yerobiʼaam ol seeni. Dubartii biraa of fakkeessuu yaaluun kee kun maaliif? Ani ergaa hamaa sitti himuuf ergameera.
1KI 14:7 Dhaqiitii Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha jedhiitii Yerobiʼaamitti himi: ‘Ani saba keessaa si kaafadheen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe.
1KI 14:8 Ani mana Daawit irraa mootummaa tarsaaseen siif kenne; ati garuu akka garbicha koo Daawit kan ajajawwan koo eegee garaa isaa guutuun na duukaa buʼee waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe qofa hojjete sanaa hin taane.
1KI 14:9 Ati warra siin dura jiraatan hunda caalaa waan hamaa hojjetteerta. Ati ofii keetiif waaqota biraa fakkiiwwan baqfamanii hojjetaman tolfattee dheekkamsaaf na kakaafte; dugda kee duubattis na gatte.
1KI 14:10 “ ‘Sababii kanaaf ani amma mana Yerobiʼaam irratti badiisa nan fida. Ani mana Yerobiʼaamii dhiira hunda, garbicha yookaan birmaduu Israaʼel keessaa nan balleessa. Ani akkuma namni tokko kosii gubee barbadeessutti mana Yerobiʼaam gubeen barbadeessa.
1KI 14:11 Nama maatii Yerobiʼaam taʼe kam iyyuu kan magaalaa keessatti duʼe sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼe kam iyyuu immoo allaattii samiitu nyaata. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii!’
1KI 14:12 “Ati garuu mana keetti gali. Yeroo miilli kee magaalaa seenutti mucaan sun ni duʼa.
1KI 14:13 Warri Israaʼel hundinuu booʼaniifii isa ni awwaalu. Waan Waaqayyo Waaqni Israaʼel mana Yerobiʼaam keessaa isa qofa irratti waan gaarii argeef, mana Yerobiʼaam keessaa namni awwaala argatu isa qofa taʼa.
1KI 14:14 “Waaqayyo Israaʼel irratti mootii tokko ofii isaatiif ni kaafata; mootiin sunis maatii Yerobiʼaam kutee balleessa. Guyyaan isaas harʼa! Kunis ammuma taʼa.
1KI 14:15 Waaqayyo Israaʼelin dhaʼee akkuma shambaqqoo bishaan keessaatti ni raasa. Sababii isaan utubaawwan Aasheeraa dhadhaabanii Waaqayyoon dheekkamsiisaniif inni biyya abbootii isaaniitiif kenne gaarii sana keessaa Israaʼelin buqqisee Laga Efraaxiisiin gamatti isaan ni bittinneessa.
1KI 14:16 Innis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee akka Israaʼelis hojjetu godhe sanaatiif saba Israaʼel ni gata.”
1KI 14:17 Niitiin Yerobiʼaam kaatee Tiirzaa dhaqxe. Akkuma isheen gulantaa balbalaa geesseen mucaan sun ni duʼe.
1KI 14:18 Jarris isa awwaalan; Israaʼel hundinuus akkuma Waaqayyo karaa garbicha isaa Ahiiyaa raajichaatiin dubbate sana ni booʼaniif.
1KI 14:19 Wanni Yerobiʼaam hojjete kan biraa, akki inni itti lolaa turee fi akki inni itti biyya bulchaa ture kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
1KI 14:20 Innis waggaa digdamii lama bulchee ergasii abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Naadaab mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
1KI 14:21 Rehooboʼaam ilmi Solomoon biyya Yihuudaa keessatti mootii ture. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture; innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte.
1KI 14:22 Yihuudaan fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete. Isaanis cubbuu hojjetaniin hamma abbootiin isaanii hojjetan sana caalaa dheekkamsa isaa kakaasan.
1KI 14:23 Akkasumas iddoo ol kaʼaa hunda irrattii fi mukkeen babalʼaa hunda jalatti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, soodduuwwan dhagaatii fi siidaawwan Aasheeraa ofii isaaniitiif tolfatan.
1KI 14:24 Manni sagadaa dhiirota sagaagalaniis biyya sana keessa ture; namoonni sun gochawwan jibbisiisoo kan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hunda keessatti hirmaatan.
1KI 14:25 Waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane.
1KI 14:26 Innis qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan hunda guurratee gale.
1KI 14:27 Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne.
1KI 14:28 Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baatanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
1KI 14:29 Wantoonni Rehooboʼaam bara mootummaa keessa taʼanii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
1KI 14:30 Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture.
1KI 14:31 Rehooboʼaamis abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti awwaalame. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1KI 15:1 Bara mootummaa Yerobiʼaam ilma Nebaat keessa, waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe;
1KI 15:2 innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.
1KI 15:3 Innis cubbuu abbaan isaa isaan dura hojjete hunda hojjete; garaan isaa akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
1KI 15:4 Taʼu illee Waaqayyo Waaqni isaa Daawitiif jedhee akka inni isa dhaaluuf ilma isaaf kaasuu fi Yerusaalem jajjabeessuudhaan Yerusaalem keessatti ibsaa kenneef.
1KI 15:5 Daawit yakka Uuriyaa namicha Heet sana irratti hojjete malee fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan bara jireenya isaa guutuu ajajawwan Waaqayyoo eege.
1KI 15:6 Bara jireenya Abiyaa hunda keessa Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
1KI 15:7 Wanni bara bulchiinsa Abiyaan keessa taʼe kan biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamee jira mitii? Abiiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
1KI 15:8 Abiyaanis Abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1KI 15:9 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdammaffaatti Aasaan mootii Yihuudaa taʼe;
1KI 15:10 innis waggaa afurtamii tokko Yerusaalemin bulche. Maqaan akkoo isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.
1KI 15:11 Aasaan akkuma Daawit Abbaan isaa hojjete sana waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.
1KI 15:12 Inni mana sagadaa kan dhiirota sagaagalanii biyya sanaa balleessee waaqota tolfamoo abbootiin isaa hojjetan hundas barbadeesse.
1KI 15:13 Akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana diigee Sulula Qeedroon keessatti ni gube.
1KI 15:14 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti balleessuu baate iyyuu bara jireenya isaa guutuu garaan Aasaa Waaqayyoof kennamee ture.
1KI 15:15 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
1KI 15:16 Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.
1KI 15:17 Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
1KI 15:18 Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ofii isaa keessatti hafe hunda fudhate. Innis waan kana qondaaltota isaatti imaanaa kennee gara Ben-Hadaad ilma Xabrimoon ilma Heziyoon mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaatti isaan erge.
1KI 15:19 Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani kennaa meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
1KI 15:20 Ben-Hadaadis yaada Aasaa Mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Innis Iiyoon, Daan, Abeel Beet Maʼaakaa fi Kinereeti hunda Niftaalemin dabalee of jala galfate.
1KI 15:21 Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee Tiirzaatti gale.
1KI 15:22 Aasaan mootichis guutummaa Yihuudaatti ajaja baase; namni tokkos hin hambifamne; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan achitti ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaa mootichis Beniyaam keessatti Gebaa, akkasumas Miisphaa ittiin ijaarrate.
1KI 15:23 Wantoonni bara mootummaa Aasaa keessa hojjetaman kanneen biraa hundi, jabinni isaa hundi, wanni inni hojjete hundii fi magaalaawwan inni ijaare kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? Bara dulluma isaa keessa garuu miilli isaa ni dhukkubsate.
1KI 15:24 Ergasii Aasaan abbootii ofii wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti abbootii isaa biratti awwaalame. Yehooshaafaax ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1KI 15:25 Naadaab ilmi Yerobiʼaamis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa lammaffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama Israaʼelin bulche.
1KI 15:26 Innis karuma abbaa isaa irra deemee cubbuu abbaan isaa hojjetee saba Israaʼelinis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
1KI 15:27 Utuma Naadaabii fi sabni Israaʼel hundi magaalaa Filisxeemotaa kan Gibetoon jedhamtu marsaa jiranuu Baʼishaan ilmi Ahiiyaa namichi biyya Yisaakor sun Naadaabitti fincilee Gibetoon keessatti dhaʼee isa ajjeese.
1KI 15:28 Baʼishaanis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa sadaffaatti Naadaabin ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1KI 15:29 Inni akkuma mootii taʼeen maatii Yerobiʼaam hunda fixe. Akkuma dubbii Waaqayyo karaa garbicha isaa Ahiiyaa namicha Shiilootiin dubbatee ture sanaatti hunda isaanii fixe malee nama hafuura baafatu tokko illee Yerobiʼaamiif hin hambifne.
1KI 15:30 Kunis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis cubbuu hojjechiisuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaaseefii dha.
1KI 15:31 Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Naadaab keessa hojjetamanii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
1KI 15:32 Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.
1KI 15:33 Bara Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa sadaffaatti Baʼishaan ilmi Ahiiyaa Tiirzaa keessatti Israaʼel hunda irratti mootii taʼee waggaa digdamii afur bulche.
1KI 15:34 Innis karuma Yerobiʼaam irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
1KI 16:1 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo Baʼishaaniin mormuudhaan akkana jedhee gara Yehuu gara ilma Hanaanii dhufe:
1KI 16:2 “Ani awwaara keessaa si kaaseen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe; ati garuu karaa Yerobiʼaam deemtee saba koo Israaʼelin cubbuu hojjechiiftee akka isaan cubbuu isaaniitiin dheekkamsaaf na kakaasan goote.
1KI 16:3 Kanaafuu ani Baʼishaanii fi mana isaa nan barbadeessa; mana kee illee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaa nan godha.
1KI 16:4 Namoota Baʼishaan kanneen magaalaa keessatti dhuman sareetu nyaata; kanneen baadiyyaatti dhuman immoo allaattii samiitu nyaata.”
1KI 16:5 Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Baʼishaan keessa hojjetaman, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
1KI 16:6 Baʼishaan abbootii ofii wajjin boqotee Tiirzaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Eelaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1KI 16:7 Sababii inni akkuma mana Yerobiʼaam taʼuudhaan hojii harka isaatiin Waaqa dheekkamsaaf kakaasee Yerobiʼaaminis ajjeesuudhaan hammina fuula Waaqayyoo duratti hojjete hundaaf dubbiin Waaqayyoo karaa Yehuu raajichaa ilma Hanaaniin gara Baʼishaanii fi mana isaa dhufe.
1KI 16:8 Bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa digdamii jaʼaffaatti Eelaan ilmi Baʼishaan Tiirzaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
1KI 16:9 Garuu qondaaltota isaa keessaa namichi Zimrii jedhamu kan gaariiwwan isaa keessaa walakkaa ajaju tokko isatti malate. Yeroo sanatti Eelaan Tiirzaa keessatti mana Arzaa namicha bulchaa masaraa mootummaa kan Tiirzaa keessaa sanaatti dhugee machaaʼaa ture.
1KI 16:10 Zimriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa digdamii torbaffaatti ol seenee Eelaa dhaʼee ajjeese. Iddoo isaas buʼee mootii taʼe.
1KI 16:11 Innis akkuma mootii taʼee teessoo irra taaʼeen maatii Baʼishaan hunda fixe. Fira isaa yookaan michuu isaa keessaa dhiira tokko illee hin hambifneef.
1KI 16:12 Akkasiin Zimriin akkuma dubbii Waaqayyoo kan Baʼishaaniin mormuudhaan karaa Yehuu raajichaatiin dubbatame sanaatti maatii Baʼishaan hunda barbadeesse;
1KI 16:13 kunis sababii cubbuu Baʼishaanii fi ilmi isaa Eelaan hojjetanii akka Israaʼeloonnis hojjetan gochuudhaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaasaniif taʼe.
1KI 16:14 Wantoonni bara mootummaa Eelaa keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
1KI 16:15 Zimriin bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii torbaffaatti Tiirzaa keessatti mootii taʼee bultii torba bulche. Loltoonnis Gibetoon magaalaa Filisxeemotaa bira qubatan.
1KI 16:16 Israaʼeloonni qubata keessa turanis yommuu akka Zimriin mootichatti kaʼee isa ajjeese dhagaʼanitti gaafasuma qubata sana keessatti Omrii ajajaa loltootaa sana mootii Israaʼel taasisan.
1KI 16:17 Omrii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Gibetoon keessaa baʼanii Tiirzaa marsan.
1KI 16:18 Zimriinis yommuu akka magaalaan sun qabame argetti dallaa masaraa mootummaa seenee masaraa mootummaa of irratti gubee duʼe.
1KI 16:19 Wanni kunis sababii inni fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjechuu fi karaa Yerobiʼaam irra deemuudhaan cubbuu Yerobiʼaam hojjetee Israaʼelootas hojjechiise sana hojjeteef taʼe.
1KI 16:20 Wantoonni Zimriin bara mootummaa isaa keessa hojjete biraatii fi fincilli inni kaase kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
1KI 16:21 Ergasii sabni Israaʼel garee lamatti qoodame; gareen tokko Tiibnii ilma Giinat mootii godhachuuf isa duukaa buʼe; gareen kaan immoo Omrii duukaa buʼe.
1KI 16:22 Garuu duukaa buutonni Omrii duuka buutota Tiibnii ilma Giinat sana caalaa jabaatan. Kanaafuu Taamniin duʼee Omriin mootii taʼe.
1KI 16:23 Omriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii tokkoffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche; waggoota kanneen keessaa waggaa jaʼa Tiirzaa keessa taaʼee bulche.
1KI 16:24 Innis namicha Shemeer jedhamu irraa meetii taalaantii lamaan gaara Samaariyaa bitee magaalaa tokko gaara sana irratti ijaare; magaalaa sanas Samaariyaa jedhee maqaa Saamir abbaa gaara sanaa kan duriitiin moggaase.
1KI 16:25 Omriin garuu fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjetee namoota isa duraan turan hunda caalaa cubbame.
1KI 16:26 Innis karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat hunda irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiisee akka isaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaasan godhe.
1KI 16:27 Wantoonni bara mootummaa Omrii keessa hojjetaman kaan, wanni inni hojjetee fi jabinni inni argisiise kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
1KI 16:28 Omriin abbootii ofii isaa wajjin boqotee Samaariyaatti awwaalame. Ahaab ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1KI 16:29 Ahaab ilmi Omrii bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti mootii Israaʼel taʼee Samaariyaa taaʼee waggaa digdamii lama bulche.
1KI 16:30 Ahaab ilmi Omrii warra isa duraan turan kam iyyuu caalaa fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete.
1KI 16:31 Innis cubbuu Yerobiʼaam ilmi Nebaat hojjete sana hojjechuu akka waan salphaa tokkootti ilaaluu bira darbee Iizaabel intala Etebaʼaal mooticha Siidoonotaa fuudhe; dhaqees Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuu jalqabe.
1KI 16:32 Innis mana Baʼaal itti waaqeffatamu tokko Samaariyaatti ijaaree iddoo aarsaa tokko achi keessa dhaabe.
1KI 16:33 Ahaab ammas siidaa Aasheeraa dhaabee waan mootonni Israaʼel kanneen isa duraan turan hundi hojjetan caalaa hojjetee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaase.
1KI 16:34 Bara Ahaab keessa Hiiʼeel namichi Beetʼeel tokko Yerikoo deebisee ijaare. Akkuma dubbii Waaqayyoo kan karaa Iyyaasuu ilma Nuunitiin dubbatame sanaatti gaafa inni hundeewwan Yerikoo buusetti Abiiraam ilma isaa hangafatu duʼe; gaafa inni karrawwan isaa dhaabetti immoo Seguub ilma isaa quxisuu hundaatu duʼe.
1KI 17:1 Eeliyaas namichi Tishbii kan biyya Giliʼaad keessaa magaalaa Tishbiitii dhufe tokko Ahaabiin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqa Israaʼel, Waaqayyo jiraataa ani isa tajaajilu sanaa! Yoo ani dubbadhe malee waggoota muraasa dhufan keessa fixeensi yookaan bokkaan hin jiraatu.”
1KI 17:2 Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas dhufe;
1KI 17:3 “Asii deemiitii gara baʼa biiftuutti qajeelii Laga Keriit kan gama baʼa Yordaanositti argamu keessa dhokadhu.
1KI 17:4 Ati Laga sana keessaa bishaan ni dhugda; anis akka isaan achitti si sooraniif arraageyyii ajajeera.”
1KI 17:5 Kanaafuu inni dhaqee waan Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Gara Laga Keriit kan gara baʼa Yordaanositti argamu sanaas deemee achi jiraate.
1KI 17:6 Arraageyyiinis ganama ganama buddeenaa fi foon, galgala galgalas buddeenaa fi foon fidaafii turan; innis bishaan Laga sanaa dhuga ture.
1KI 17:7 Yeroo gabaabaa booddee sababii biyya sana keessa roobni hin jiraatiniif lagichis ni goge.
1KI 17:8 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe;
1KI 17:9 “Dafii gara Saraaphtaa Siidoonaa keessatti argamtu sanaa dhaqiitii achi jiraadhu. Ani akka isheen waan ati nyaattu siif kennituuf haadha hiyyeessaa tokko achitti ajajeeraa.”
1KI 17:10 Kanaafuu inni kaʼee Saraaphtaa dhaqe. Yommuu inni karra magaalaa sanaa bira gaʼetti haati hiyyeessaa tokko qoraan funaannachaa turte. Innis ishee waamee, “Maaloo akka ani dhuguuf bishaan xinnoo naa fidi” jedheen.
1KI 17:11 Akkuma isheen bishaan fiduuf deemuu jalqabdeenis ishee waamee, “Maaloo buddeena xinnaa isaa illee naa fidi” jedheen.
1KI 17:12 Isheen immoo akkana jettee deebifte; “Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, ani daakuu konyee tokkittii okkotee keessa jirtuu fi zayitii xinnoo kubbaayyaa keessa jirtu tokko malee buddeena tokko illee hin qabu. Ani akka nu nyaannee duunuuf manatti galee ofii kootii fi ilma kootiif nyaata qopheessuuf jedhee qoraan funaannachaan jira.”
1KI 17:13 Eeliyaasis akkana jedhee deebiseef; “Hin sodaatin. Galiitii akkuma jette sana godhi. Jalqabatti garuu waanuma qabdu sana irraa Maxinoo xinnaa isaa tolchii naa fidi; ergasii immoo ofii keetii fi mucaa keetiif qopheessi.
1KI 17:14 Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Hamma guyyaa Waaqayyo lafa irratti bokkaa roobsuutti daakuun okkotee keessaa hin dhumu; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumu.’ ”
1KI 17:15 Isheenis dhaqxee akkuma Eeliyaas jedheen sana goote. Kanaafuu Eeliyaas, dubartiin sunii fi maatiin ishee guyyaa baayʼee nyaatan.
1KI 17:16 Akkuma dubbii Waaqayyoo kan inni karaa Eeliyaasiin dubbate sanaatti daakuun okkotee keessaa hin dhumne; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumne.
1KI 17:17 Ergasiis ilmi haadha mana sanaa ni dhukkubsate. Dhukkubni isaas ittuma jabaachaa deemee dhuma irratti hafuura baafachuu dadhabe.
1KI 17:18 Isheenis Eeliyaasiin, “Yaa nama Waaqaa, ati hammina maalii narraa qabda? Ati waaʼee cubbuu koo na yaadachiiftee ilma koo ajjeesuuf dhuftee?” jette.
1KI 17:19 Eeliyaas immoo, “Mee ilma kee natti kenni” jedheen. Innis harka isheetii fuudhee baatee kutaa manaa kan ol aanu iddoo ofii jiraatutti geessee siree isaa irra isa ciibse.
1KI 17:20 Ergasii inni, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati akka mucaan ishee duʼu gochuudhaan haadha hiyyeessaa kan ani gargaarsa isheetiin jiraadhu kanatti illee rakkoo fiddee?” jedhee gara Waaqayyootti iyye.
1KI 17:21 Innis yeroo sadii mucaa sana irratti diriiree, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, mucaa kana lubbuun isaa itti haa deebitu” jedhee gara Waaqayyootti iyye.
1KI 17:22 Waaqayyos iyya Eeliyaas ni dhagaʼe; lubbuun mucaa sanaas itti deebite; innis ni jiraate.
1KI 17:23 Eeliyaasis mucaa sana baatee kutaa ol aanu sana keessaa gad buusee gara manaatti isa geesse. Haadha isaattis isa kennee, “Kunoo mucaan kee jira!” jedheen.
1KI 17:24 Kana irratti dubartiin sun Eeliyaasiin, “Ani amma akka ati nama Waaqaa taatee fi akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan keetii baʼu dhugaa taʼe beekeera” jette.
1KI 18:1 Yeroo dheeraa booddee, waggaa sadaffaatti dubbiin Waaqayyoo, “Dhaqiitii Ahaabitti of mulʼisi; anis lafa irratti bokkaa nan roobsaa” jedhee gara Eeliyaas dhufe.
1KI 18:2 Kanaafuu Eeliyaas Ahaabitti of mulʼisuu dhaqe. Yeroo kanatti Samaariyaa keessatti beelli hammaatee ture.
1KI 18:3 Ahaabis Obaadiyaa itti gaafatama masaraa mootummaa isaa waamee ture. Obaadiyaan nama akka malee Waaqayyoon sodaatu ture.
1KI 18:4 Yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota dhibba tokko fuudhee shantama shantamaan holqa lama keessa dhoksee nyaataa fi bishaan dhiʼeessaafii ture.
1KI 18:5 Ahaabis Obaadiyaadhaan akkana jedhe; “Biyyattii keessa deemiitii gara burqaawwanii fi sululawwan hundaa dhaqi. Akka horii keenya keessaa tokko iyyuu nu jalaa hin duuneef fardeenii fi gaangolii keenya jiraachifachuuf marga muraasa arganna taʼaatii.”
1KI 18:6 Kanaafuu isaan biyya keessa deemanii waliin gaʼuu barbaadan sana gargari qooddatan; Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan immoo karaa kaan qajeele.
1KI 18:7 Utuma Obaadiyaan karaa deemuu Eeliyaas isatti dhufe. Obaadiyaan isa beekee gad jedhee harka fuudhee, “Eeliyaas gooftaan koo dhugumaan siʼii?” jedheen.
1KI 18:8 Innis deebisee, “Eeyyee, anuma. Dhaqiitii, ‘Eeliyaas as jira’ jedhii gooftaa keetti himi” jedheen.
1KI 18:9 Obaadiyaanis akkana jedhee gaafate; “Ati akka inni na ajjeesuuf garbicha kee dabarsitee Ahaabitti kennuun kee ani maal balleesseeti?
1KI 18:10 Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, sabni yookaan mootummaan gooftaan koo si barbaaduuf jedhee nama itti hin ergin tokko iyyuu hin jiru. Yeroo sabni yookaan mootummaan tokko, ‘Nu isa hin argine’ jedhutti, inni akka isaan akka si hin argin kakatan godha ture.
1KI 18:11 Amma garuu ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jetta.
1KI 18:12 Ani gara Hafuurri Waaqayyoo erga ani si biraa deeme itti si geessu hin beeku. Yoo ani dhaqee Ahaabitti himee inni immoo si arguu baate inni na ajjeesa. Garuu ani garbichi kee dargaggummaa kootii jalqabee Waaqayyoon waaqeffachaan jira.
1KI 18:13 Yaa gooftaa ko, ati waan ani yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti hojjedhe hin dhageenyee? Ani raajota Waaqayyoo dhibba tokko shantama shantamaan holqa lama keessa dhokseen nyaataa fi bishaan dhiʼeesseef.
1KI 18:14 Amma immoo ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhii gooftaa keetti himi’ naan jetta. Inni dhugumaan na ajjeesa!”
1KI 18:15 Eeliyaasis deebisee, “Dhugaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa, ani harʼa Ahaabitti ofan mulʼisa” jedhe.
1KI 18:16 Kanaafuu Obaadiyaan gara Ahaab dhaqee itti hime; Ahaabis Eeliyaasin Simachuu dhaqe.
1KI 18:17 Innis Eeliyaasin argee, “Kan Israaʼelin jeequ sun siʼii?” jedheen.
1KI 18:18 Eeliyaas immoo deebisee akkana jedheen; “Siʼii fi mana abbaa keetiitu jeeqe malee ani Israaʼelin hin jeeqne. Isin ajaja Waaqayyoo diddaniirtu; atis Baʼaal duukaa buuteerta.
1KI 18:19 Egaa amma akka isaan Tulluu Qarmeloos irratti na arganiif saba Israaʼel hunda walitti naaf waami. Raajota Baʼaal dhibba afurii fi shantamaa fi raajota Asheeraa dhibba afran maaddii Iizaabel irraa nyaatan sanas naaf fidi.”
1KI 18:20 Kanaafis Ahaab guutuu Israaʼel keessa ergaa ergee Tulluu Qarmeloos irratti raajota sana walitti qabe.
1KI 18:21 Eeliyaasis fuula sabaa duratti gad baʼee, “Isin hamma yoomiitti yaada lama gidduu deddeebitu? Yoo Waaqayyo Waaqa taʼe, isa faana deemaa; yoo Baʼaal Waaqa taʼe immoo isa faana deemaa” jedhe. Sabni garuu waan tokko illee hin jenne.
1KI 18:22 Eeliyaasis akkana isaaniin jedhe; “Raajota Waaqayyoo keessaa ana qofatu hafe; Baʼaal garuu raajota dhibba afurii fi shantama qaba.
1KI 18:23 Mee jiboota lama nuuf fidaa. Isaan dibicha tokko ofii isaaniitiif filatanii qalanii gargar ciranii qoraan irra haa naqan; garuu ibidda itti hin qabsiisin. Anis dibicha isa kaan qopheessee qoraan irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu.
1KI 18:24 Ergasii isin maqaa Waaqa keessanii waamaa; anis maqaa Waaqayyo nan waama. Kan ibiddaan deebii kennu inni Waaqa dhugaa ti.” Kana irratti namoonni hundinuu, “Wanni ati jettu kun gaarii dha” jedhan.
1KI 18:25 Eeliyaasis raajota Baʼaaliin akkana jedhe; “Jiboota keessaa isa tokko filadhaatii sababii isin nama hedduu taataniif jalqabatti qalaa qopheessaa. Maqaa Waaqa keessanii waammadhaa; garuu ibidda hin bobeessinaa.”
1KI 18:26 Kanaafuu isaan dibicha isaaniif kenname fudhatanii qalanii qopheessan. Ergasii immoo ganamaa jalqabanii hamma saafaatti maqaa Baʼaal waammachaa oolan. “Yaa Baʼaal deebii nuuf kenni!” jedhanii iyyaa oolan. Garuu deebiin tokko illee hin argamne; kan deebii kennuuf tokko iyyuus hin turre. Iddoo aarsaa kan tolchan sanattis naannaʼanii shubbisan.
1KI 18:27 Gara saafaattis Eeliyaas, “Mee sagalee ol fudhadhaatii iyyaa! Inni dhugumaan Waaqa! Yaadni itti baayʼateera taʼa yookaan hojiin qabamee yookaan karaa deemee jira taʼaatii. Inni rafuutti jira taʼaatii dammaquu qaba” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe.
1KI 18:28 Kanaafuu isaan akkuma amala isaanii sagalee ol fudhatanii iyyaa, goraadee fi eeboodhaan of ciranii dhiiga ofii isaanii dhangalaasan.
1KI 18:29 Erga saafaan darbees isaan hamma yeroon aarsaa galgalaa gaʼutti raajii dubbachaa turan. Garuu sagaleen tokko iyyuu hin dhagaʼamne; kan deebii kenneef tokko iyyuu hin turre; kan wayittuu isaan hedes hin jiru.
1KI 18:30 Eeliyaas immoo ergasii saba hundaan, “Mee as gara koo kottaa” jedhe. Isaan gara isaa dhufnaan inni iddoo aarsaa Waaqayyoo kan caccabee ture sana deebisee tolche.
1KI 18:31 Eeliyaasis akkuma baayʼina gosoota ilmaan Yaaqoob namicha dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Maqaan kee Israaʼel ni taʼa” jedheen sanaatti dhagaa kudha lama walitti qabe.
1KI 18:32 Dhagaawwan sanaanis maqaa Waaqayyootiin iddoo aarsaa tolche; naannoo isaattis boʼoo bishaan gara liitira kudha shan qabatu baqaqse.
1KI 18:33 Innis qoraan qopheessee, dibicha kaan qalee gargar ciree qoraan sana irra foon naqe. Ergasii immoo, “Mee okkotee gurguddaa afur fidaa bishaaniin guutaatii aarsaa fi qoraan irratti naqaa” jedheen.
1KI 18:34 Innis, “Amma illee akkasuma godhaa” jedheen; isaanis amma illee akkasuma godhan. Innis, “Yeroo sadaffaaf godhaa” jedhee ajaje; isaanis yeroo sadaffaa illee akkasuma godhan.
1KI 18:35 Bishaan sunis naannoo iddoo aarsaa sanaa lolaʼee boʼoo guute.
1KI 18:36 Yeroo aarsaan dhiʼaatutti, Eeliyaas raajichi gad baʼee akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel, akka ati Israaʼel keessatti Waaqa taatee fi akka anis garbicha kee taʼee amma illee waan kana hunda ajajuma keetiin akkan hojjedhe harʼa haa beekamu.
1KI 18:37 Yaa Waaqayyo deebii naa kenni; yaa Waaqayyo akka sabni kun akka ati Waaqa taatee fi akka ati garaa isaa illee gara keetti deebiftu beekuuf deebii naaf kenni.”
1KI 18:38 Kana irratti ibiddi Waaqayyoo gad buʼee aarsaa, qoraan, dhagaa fi biyyoo gubee bishaan boʼoo keessaa sanas xuuxee fixe.
1KI 18:39 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti addaan lafatti gombifamanii, “Waaqayyo inni Waaqa! Waaqayyo inni Waaqa!” jedhanii iyyan.
1KI 18:40 Eeliyaasis, “Raajota Baʼaal kanneen qabaa. Tokkoon isaanii iyyuu hin miliqin!” jedhee isaan ajaje. Isaanis jara ni qaban; Eeliyaasis gara Sulula Qiishoonitti geessee achitti isaan gogorraʼe.
1KI 18:41 Eeliyaasis Ahaabiin, “Deemi; nyaadhuu dhugi; huursaa bokkaa guddaa isaatu dhagaʼamaa jiraatii” jedhe.
1KI 18:42 Kanaafuu Ahaab nyaachuu fi dhuguuf deeme; Eeliyaas garuu fiixee Qarmeloos ol baʼee gad jedhee fuula isaa jilba isaa gidduu kaaʼate.
1KI 18:43 Innis hojjetaa isaatiin, “Dhaqiitii gara galaanaa ilaali” jedhe. Hojjetaan sunis ol baʼee ilaale. Innis, “Wanni tokko iyyuu achi hin jiru” jedhe. Eeliyaasis, “Yeroo torba, deddeebiʼii ilaali” jedheen.
1KI 18:44 Hojjetaan sun yeroo torbaffaatti, “Duumessa xinnaa hamma konyee namaa gaʼu tokkotu galaana irraa ol kaʼaa jira” jedhee itti hime. Kanaafuu Eeliyaas, “Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii kee yaabbadhuutii utuu bokkaan si hin qabatin gad buʼi’ jedhii itti himi” jedheen.
1KI 18:45 Yeruma sana samiin duumessaan gurraachaʼee bubbeen bubbise; bokkaan guddaan isaa dhufnaan Ahaab gulufee Yizriʼeelitti baqate.
1KI 18:46 Humni Waaqayyoos Eeliyaas irra buʼe; innis mudhii isaa hidhatee hamma karra Yizriʼeelitti Ahaab dura darbee fiige.
1KI 19:1 Ahaab waan Eeliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti raajota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime.
1KI 19:2 Kanaafuu Iizaabel nama tokko Eeliyaasitti ergitee, “Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jetteen.
1KI 19:3 Eeliyaas sodaatee lubbuu ofii isaa oolfachuuf kaʼee baqate. Innis yommuu Bersheebaa Yihuudaa keessaa sana gaʼetti hojjetaa ofii achitti dhiisee
1KI 19:4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, “Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii” jedhe.
1KI 19:5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate. Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, “Kaʼii waa nyaadhu” jedheen.
1KI 19:6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.
1KI 19:7 Ergamaan Waaqayyoo amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, “Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii” jedheen.
1KI 19:8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.
1KI 19:9 Achittis holqa tokko seenee keessa bule. Dubbiin Waaqayyoos gara isaa dhufee, “Eeliyaas, ati maal asii hojjetta?” jedheen.
1KI 19:10 Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
1KI 19:11 Waaqayyos, “Gadi baʼiitii fuula Waaqayyoo dura tulluu irra dhaabadhu; Waaqayyo achiin darbuuf jiraatii” jedheen. Bubbeen guddaa fi jabaan tokko fuula Waaqayyoo duratti tulluuwwan gargari dayyaasee kattaawwanis hurreesse; Waaqayyo garuu bubbee sana keessa hin turre. Bubbee sana booddee sochii lafaa guddaa isaatu ture; Waaqayyo garuu sochii lafaa sana keessa hin turre.
1KI 19:12 Sochii lafaa booddee ibiddi ni dhufe; Waaqayyo garuu ibidda sana keessa hin turre. Ibidda sana booddee immoo hasaasa xinnaa tokkotu ture.
1KI 19:13 Eeliyaas yommuu waan kana dhagaʼetti uffata ofii isaa fuulatti haguuggatee gara afaan holqa sanaatti hiiqee dhaabate. Sagaleen tokkos, “Eeliyaas ati maal asii hojjetta?” jedheen.
1KI 19:14 Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee, iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
1KI 19:15 Waaqayyo garuu akkana jedhee deebiseef; “Karuma dhufte sanaan deebiʼiitii Gammoojjii Damaasqoo dhaqi. Yommuu achi geessutti Hazaaʼeelin dibiitii Sooriyaa irratti mootii godhi.
1KI 19:16 Yehuu ilma Nimshiis akkasuma dibiitii mootii Israaʼel godhi; Elsaaʼi ilma Shaafaaxi kan warra Abeel Mehoolaa sana immoo akka inni raajii taʼee iddoo kee buʼuuf muudi.
1KI 19:17 Yehuun nama baqatee goraadee Hazaaʼeel jalaa baʼu hunda ni ajjeesa; Elsaaʼis nama baqatee goraadee Yehuu jalaa baʼu hunda ni ajjeesa.
1KI 19:18 Taʼus ani nama kuma torba kanneen Israaʼel keessatti hambifadhe, warra jilbi isaanii Baʼaaliif hin jilbeenfatin, warra afaan isaaniis isa hin dhungatin qaba.”
1KI 19:19 Kanaafuu Eeliyaas achii baʼee Elsaaʼi ilma Shaafaaxi argate. Elsaaʼi yeroo sanatti qotiyyoo cimdii kudha lamaatiin lafa qotiisaa qotaa ture; inni mataan isaa immoo cimdii kudha lammaffaa qabatee ture. Eeliyaas gara isaa dhaqee kaabbaa ofii isaa isa irra buuse.
1KI 19:20 Elsaaʼis qotiyyoo ofii isaa dhiisee Eeliyaas duukaa fiigee, “Mee takkaa dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhungadhee, ‘Nagaatti’ jedheen si duukaa buʼaa” jedhe. Eeliyaas immoo, “Deebiʼi; ani maalin si godhee jira?” jedhee deebiseef.
1KI 19:21 Kanaafuu Elsaaʼi isa dhiisee deebiʼe. Qotiyyoo cimdii tokkoo fuudhee qale. Miʼa ittiin lafa qotiisaa qotu sanas bobeessee foon sana bilcheessee namootaaf kenne; isaanis ni nyaatan. Ergasiis kaʼee Eeliyaas duukaa buʼe; tajaajilaa isaas taʼe.
1KI 20:1 Yeroo kanatti Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota ofii isaa guutuu walitti qabate. Mootonni soddomii lama kanneen fardeenii fi gaariiwwan qabanis isa wajjin turan. Innis dhaqee Samaariyaa marsee lole.
1KI 20:2 Innis akkana jedhee gara magaalaa Ahaab mooticha Israaʼelitti ergamoota erge; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha;
1KI 20:3 ‘Meetiin keetii fi warqeen kee kanuma koo ti; niitonni keetii fi ijoolleen kee babbareedoonis kanuma koo ti.’ ”
1KI 20:4 Mootiin Israaʼel immoo, “Yaa gooftaa koo mooticha, akkuma ati jette sana anii fi wanni ani qabu hundi keetuma” jedhee deebiseef.
1KI 20:5 Ergamoonni sun ammas dhufanii akkana jedhaniin; “Wanni Ben-Hadaad jedhu kanaa dha; ‘Ani akka ati meetii fi warqee kee, niitotaa fi ijoollee kee naaf kennituuf ergaa sitti ergeera.
1KI 20:6 Garuu ani bor yoona masaraa mootummaa keetiitii fi manneen qondaaltota keetii soquuf qondaaltota koo nan erga. Isaanis waan ati jaallattu hunda fudhatanii deemu.’ ”
1KI 20:7 Mootichi Israaʼel immoo maanguddoota biyya sanaa hunda walitti waamee akkana jedheen; “Akka namichi kun rakkina uumuu barbaadu mee isinuu ilaalaa! Yeroo inni niitotaa fi ijoollee koo, meetii fi warqee koo fudhachuuf nama ergetti ani hin dhowwanne.”
1KI 20:8 Maanguddoonnii fi namoonni hundinuu, “Ati dubbii isaa hin dhagaʼin yookaan waan inni barbaadu tole hin jedhin” jedhaniin.
1KI 20:9 Kanaafuu inni, “ ‘Garbichi kee waan ati jalqabatti ajajje hunda ni guuta; ani garuu waan ati amma gaafatte kana gochuu hin dandaʼu’ jedhaatii gooftaa koo mootichatti himaa” jedhee ergamoota Ben-Hadaadiif deebii kenne. Isaanis kaʼanii deebii sana fuudhanii Ben-Hadaaditti geessan.
1KI 20:10 Ben-Hadaad immoo, “Yoo biyyoon Samaariyaa namoota koo warra na duukaa buʼan konyee tokko tokko illee wal gaʼe, waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jedhee ergaa biraa Ahaabitti erge.
1KI 20:11 Mootiin Israaʼelis, “ ‘Namni miʼa lolaa hidhachaa jiru tokko akka nama miʼa lolaa of irraa hiikaa jiru tokkootti of jajuu hin qabu’ jedhaatii itti hima” jedhee deebise.
1KI 20:12 Ben-Hadaadis utuma mootota wajjin dunkaana keessatti waa dhugaa jiruu ergaa kana dhagaʼee, “Isin lolaaf qophaaʼaa” jedhee namoota ofii isaa ajaje. Kanaafuu isaan magaalaa sana dhaʼuuf qophaaʼan.
1KI 20:13 Yeroo kanatti raajiin tokko gara Ahaab mooticha Israaʼel dhufee, “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati loltoota akka malee baayʼatan kana argitaa? Ani harʼa dabarsee harka keetti isaan nan kenna; atis ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta’ ” jedhe.
1KI 20:14 Ahaab garuu, “Eenyutu waan kana hojjeta?” jedhee gaafate. Raajiin sunis, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanitu waan kana hojjeta’ ” jedhee deebiseef. Innis, “Eenyutu lola jalqaba?” jedhee gaafate. Raajiin sunis, “Situ jalqaba” jedhee deebiseef.
1KI 20:15 Kanaafuu Ahaab tajaajiltoota bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan dhibba lamaa fi soddomii lama walitti waame. Ergasiis Israaʼeloota hafan keessaa walumaa galatti namoota kuma torba walitti qabe.
1KI 20:16 Isaanis utuma Ben-Hadaadii fi mootonni soddomii lama kanneen isa tumsan dunkaana keessatti dhuganii machaaʼaa jiranuu guyyaa saafaadhaan itti qajeelan.
1KI 20:17 Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼanis jalqabatti gad baʼan. Ben-Hadaadis gaaddota ergee ture; isaanis deebiʼanii, “Namoonni muraasni Samaariyaadhaa baʼanii dhufuutti jiru” jedhanii isatti himan.
1KI 20:18 Inni immoo, “Yoo isaan nagaaf dhufan utuma isaan lubbuun jiranuu isaan qabaa; yoo isaan lolaaf dhufanis akkasuma utuma isaan lubbuun jiranuu qabaa” jedhe.
1KI 20:19 Tajaajiltoonni bulchitoota kutaalee biyyaa kanneen dargaggoo taʼan sunis loltoota dura buʼanii magaalaa sanaa baʼan;
1KI 20:20 tokkoon tokkoon isaaniis diina isaanii dhaʼanii ajjeesan. Kana irratti warri Sooriyaa ni baqatan; Israaʼeloonni immoo isaan ariʼan. Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa garuu farda yaabbatee abbootii fardaa wajjin baqatee jalaa baʼe.
1KI 20:21 Mootiin Israaʼel ittuma fufee abbootii fardaatii fi gaariiwwanii lolee moʼachuudhaan warra Sooriyaa akka malee miidhe.
1KI 20:22 Ergasii raajiin sun gara mooticha Israaʼel dhufee, “Of jabeessi; waan gochuu qabdus sirriitti hubadhu; mootiin Sooriyaa bara dhufu keessa deebiʼee si lolaatii” jedhe.
1KI 20:23 Yeroo kanatti qondaaltonni mootii Sooriyaa akkana jedhanii isa gorsan; “Waaqonni isaanii waaqota gaarranii ti. Sababiin isaan akka malee nutti jabaataniif kana. Nu yoo lafa diriiraa irratti isaan lolle garuu dhugumaan isaan caalaa jabaanna.
1KI 20:24 Ati amma waan kana godhi: Mootota hunda aangoo isaanii irraa ariʼiitii iddoo isaanii ajajjoota kaan buusi.
1KI 20:25 Akkasumas loltoota akka loltoota kee kanneen dhuman sanaa jechuunis qooda fardaa farda, qooda gaarii immoo gaarii qopheessi. Akkasiin nu dirree irratti Israaʼelin loluu dandeenya; isaan caalaas ni jabaanna.” Innis dubbii isaanii fudhatee akkuma isaan jedhan sana godhe.
1KI 20:26 Bara itti aanu keessa Ben-Hadaad namoota Sooriyaa walitti qabatee Israaʼelin loluuf Afeeqitti ol baʼe.
1KI 20:27 Israaʼeloonnis walitti qabamanii waan nyaatan qabatanii jaratti duulan. Israaʼeloonni akkuma bushaayee karra xixinnaa lamaatti fuullee isaanii qubatan; warri Sooriyaa garuu baadiyyaa keessa guutan.
1KI 20:28 Namni Waaqaa sunis dhufee mootii Israaʼeliin akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Sababii warri Sooriyaa Waaqayyo Waaqa gaarraniiti malee Waaqa sululootaa miti jedhaniif, ani tuuta akka malee guddaa kana hunda dabarsee harka keetti nan kenna; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
1KI 20:29 Isaanis bultii torbaaf fuullee walii qubatanii, bultii torbaffaatti waraanni jalqabame. Israaʼeloonnis guyyuma tokkotti warra Sooriyaa keessaa loltoota lafoo kuma dhibba tokko ajjeesan.
1KI 20:30 Warri hafan kaan magaalaa Afeeqitti baqatanii achittis nama kuma digdamii torba irratti dallaan dhagaa jige. Ben-Hadaad immoo magaalaa sanatti baqatee kutaa mana tokkoo kan gara keessaa keessatti dhokate.
1KI 20:31 Qondaaltonni isaas akkana jedhaniin; “Ilaa, nu akka mootonni mana Israaʼel mootota nama maaran taʼan dhageenyeerra. Mee kottaa nu mudhii keenyatti uffata gaddaa hidhannee, mataa keenyatti immoo funyoo marannee mootii Israaʼel bira haa dhaqnu. Inni lubbuu kee ni oolcha taʼaatii.”
1KI 20:32 Kanaafuu isaan mudhii isaaniitti uffata gaddaa hidhatanii, mataa isaaniitti funyoo maratanii mootii Israaʼel bira dhaqanii, “Garbichi kee Ben-Hadaad, ‘Maaloo lubbuu koo naa oolchi’ siin jedha” jedhaniin. Mootichi immoo, “Inni hamma ammaattuu lubbuun jiraa? Inni obboleessa koo ti” jedhee deebise.
1KI 20:33 Namoonni sunis waan kana akka mallattoo gaariitti fudhatanii dubbii isaa dafanii qabatanii “Eeyyee, Ben-Hadaad obboleessa kee ti!” jedhan. Mootichis, “Dhaqaatii isa fidaa” jedhe. Yommuu Ben-Hadaad dhufettis Ahaab akka inni ol baʼee gaarii isaa keessa seenu godhe.
1KI 20:34 Ben-Hadaadis akkana jedheen; “Ani magaalaawwan abbaan koo abbaa kee irraa fudhate sana siifin deebisa. Akkuma abbaan koo Samaariyaa keessatti hojjete sana, ati Damaasqoo keessatti lafa gabaa ofii keetii dhaabbachuu dandeessa.” Ahaab immoo, “Ani walii galteedhaan gad si dhiisa” jedheen. Kanaafuu isa wajjin walii galtee godhatee gad isa dhiise.
1KI 20:35 Ilmaan raajotaa keessaa tokko ajaja Waaqayyootiin michuu isaa tokkoon, “Maaloo na dhaʼi” jedhe. Namichi sun garuu isa dhaʼuu dide.
1KI 20:36 Kanaafuu raajiin sun, “Waan ati dubbii Waaqayyootiif hin ajajamniif akkuma ati na biraa deemtuun leenci si ajjeesa” jedheen. Erga namichi kaʼee deemee booddee leenci dhufee isa argate isa ajjeese.
1KI 20:37 Raajiin sun nama biraa argee, “Maaloo na dhaʼi” jedheen. Kanaafuu namichi sun dhaʼee isa madeesse.
1KI 20:38 Ergasii raajiin sun ija haguuggatee eenyummaa isaa dhokfatee dhaqee qarqara karaa dhaabatee mooticha eegaa ture.
1KI 20:39 Utuma mootichi karaa sana darbaa jiruu raajiin sun isa waamee akkana jedheen; “Garbichi kee lola walakkaa seenee jennaan namni tokko nama boojiʼame tokko fidee, ‘Namicha kana eegi. Yoo inni bade lubbuun kee qooda lubbuu isaa baafamti yookaan meetii taalaantii tokkoo baafta’ jedhe.
1KI 20:40 Namichi sunis utuu garbichi kee hojiin qabamee asii fi achi fiigaa jiruu bade.” Mootichi Israaʼelis deebisee, “Wanni sitti murtaaʼu sanuma; ati mataan kee iyyuu murteerta” jedheen.
1KI 20:41 Raajiin sunis dafee ija isaa irraa haguuggii gad buufate; mootichi Israaʼelis akka inni raajota keessaa isa tokko taʼe hubate.
1KI 20:42 Innis mootichaan akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Ati namicha ani akka inni duʼu itti mure gad lakkifteerta. Kanaafuu lubbuun kee qooda lubbuu isaa, sabni kees qooda saba isaa galaafatama.’ ”
1KI 20:43 Mootichi Israaʼel sunis akka malee aaree dheekkamaa gara masaraa mootummaa isaa kan Samaariyaa keessa jiru sanaa dhaqe.
1KI 21:1 Naabot namichi Yizriʼeel tokko Yizriʼeel keessaa, masaraa mootummaa Ahaab mooticha Samaariyaa biraa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture.
1KI 21:2 Ahaabis Naabotiin akkana jedhe; “Sababii inni masaraa mootummaa kootti dhiʼaatuuf akka ani achi irra biqiltuu dhaabbadhuuf iddoo dhaabaa wayinii keetii naaf kenni. Qooda isaa ani iddoo dhaabaa wayinii kan isa caalu yookaan yoo ati feete gatii isaa maallaqa siifin kennaa.”
1KI 21:3 Naabot garuu, “Dhaala abbootii koo siif kennuu irraa Waaqayyo na haa eegu” jedhee deebise.
1KI 21:4 Kanaafuu sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun “Ani dhaala abbootii koo siif hin kennu” jedheef Ahaab akka malee aaree dheekkamaa gara mana isaatti gale. Innis fuula isaa garagalfatee siree isaa irra ciise; waa nyaachuus ni dide.
1KI 21:5 Iizaabel niitiin isaas ol seentee, “Ati maaliif akkana aarta? Maaliif waa hin nyaanne?” jettee isa gaafatte.
1KI 21:6 Innis akkana jedhee deebiseef; “Sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun, ani, ‘Iddoo dhaabaa wayinii keetii natti gurguri, yookaan yoo ati feete qooda isaa iddoo dhaabaa wayinii biraa siifin kenna’ jennaaniin inni immoo, ‘Ani iddoo dhaabaa wayinii koo siif hin kennu’ naan jedheef.”
1KI 21:7 Niitiin isaa Iizaabelis, “Ati amma mootii Israaʼelii? Kaʼii buddeena nyaadhu! Gammadis. Ani iddoo dhaabaa wayinii Naabot namicha Yizriʼeel sanaa siifin kennaa” jetteen.
1KI 21:8 Kanaafuu isheen maqaa Ahaabiin xalayoota barreessitee chaappaa isaatiin chaappeessitee maanguddootaa fi namoota bebeekamoo magaalaa Naabot keessa isa wajjin jiraatanitti ergite.
1KI 21:9 Xalayoota sana keessattis akkana jettee barreessite: “Guyyaa soomaa tokko labsaatii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhaa.
1KI 21:10 Namoota kashlabboota lama fuula isaa dura teessisaatii akka isaan akka inni Waaqaa fi mooticha abaare itti rageessan godhaa. Ergasiis gad baasaatii dhagaadhaan tumaa isa ajjeesaa.”
1KI 21:11 Kanaafuu maanguddoonnii fi namoonni bebbeekamoon magaalaa Naabot keessa jiraatan akkuma Iizaabel xalayoota barreessiteef keessatti isaan ajajje sana godhan.
1KI 21:12 Isaanis sooma labsanii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhan.
1KI 21:13 Ergasii Kashlabboonni lama dhufanii fuula isaa dura tataaʼanii, “Naabot Waaqaa fi mooticha abaareera” jedhanii namoota duratti itti rageessan. Kanaafis magaalaa keessaa gad baasanii dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan.
1KI 21:14 Ergasii isaan, “Naabot dhagaan tumamee duʼeera” jedhanii Iizaabelitti ergaa ergan.
1KI 21:15 Iizaabelis akkuma akka Naabot dhagaan tumamee duʼe dhageesseen Ahaabiin, “Kaʼiitii iddoo dhaabaa wayinii Naabot namichi Yizriʼeel sitti gurguruu dide sana dhaali. Inni lubbuun hin jiru; duʼeeraa” jette.
1KI 21:16 Ahaabis akka Naabot duʼe dhageenyaan iddoo dhaabaa wayinii Naabot sana dhaaluuf kaʼee gad buʼe.
1KI 21:17 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe;
1KI 21:18 “Ahaab mooticha Israaʼel kan Samaariyaa keessa taaʼee bulchu sana arguuf gad buʼi. Inni amma lafa qotiisaa sana dhaaluuf gad buʼee iddoo dhaabaa wayinii Naabot keessa jira.
1KI 21:19 Atis akkana jedhiin: ‘Waaqayyo akkana jedha; ati nama tokko ajjeeftee qabeenya isaa hin dhaallee?’ Ergasiis akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Iddoo sareen dhiiga Naabot arraabde sanatti sareen dhiiga kees ni arraabdi; eeyyee dhugumaan dhiiga kees ni arraabdi!’ ”
1KI 21:20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina ko, ati na argatteerta!” jedhe. Innis deebisee akkana jedheen; “Sababii ati fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuuf of gurgurteef ani si argadheera.
1KI 21:21 ‘Ani badiisa sitti nan fida. Sanyii kee illee nan balleessa; dhiira mana Ahaab, garbas taʼu birmaduu hunda Israaʼel keessaa nan balleessa.
1KI 21:22 Sababii ati aariif na kakaaftee fi akka Israaʼel cubbuu hojjetu gooteef ani mana kee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.’
1KI 21:23 “Waaʼee Iizaabelis Waaqayyo akkana jedha: ‘Dallaa dhagaa Yizriʼeel biratti saroonni Iizaabelin ni nyaatu.’
1KI 21:24 “Nama Ahaab kan magaalaa keessatti duʼu kam iyyuu sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼu immoo allaattii samiitu nyaata.”
1KI 21:25 Namni akka Ahaab isa niitii ofii isaa Iizaabeliin kakaafamee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuudhaaf of gurgure sanaa gonkumaa hin jiru.
1KI 21:26 Inni akkuma Amoorota kanneen Waaqayyo saba Israaʼel duraa ariʼee baase sanaa waaqota tolfamoo duukaa buʼuudhaan waan akka malee jibbisiisaa taʼe hojjete.
1KI 21:27 Ahaab yommuu dubbii kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee soome. Innis wayyaa gaddaatiin ciisaa, mataa buusees deemaa ture.
1KI 21:28 Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dhufe:
1KI 21:29 “Ati akka Ahaab fuula koo duratti gad of qabe argitee? Sababii inni gad of qabeef ani balaa kana bara isaa keessa hin fidu; garuu bara ilma isaa keessa mana isaatti nan fida.”
1KI 22:1 Waggaa sadiif Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waraanni tokko iyyuu hin turre.
1KI 22:2 Waggaa sadaffaa keessa garuu Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa mooticha Israaʼel arguuf gad buʼe.
1KI 22:3 Mootiin Israaʼel qondaaltota isaatiin, “Isin akka Raamooti Giliʼaad biyya keenya taatee nu garuu mootii Sooriyaa irraa ishee deebifachuuf waan tokko illee hojjechuutti hin jirre hin beektanii?” jedhe.
1KI 22:4 Kanaafuu inni, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaaxin gaafate. Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koo akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti” jedhee mooticha Israaʼeliif deebise.
1KI 22:5 Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe.
1KI 22:6 Kanaafuu Mootichi Israaʼel raajota gara dhibba afur walitti qabee, “Ani Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baʼu moo dhiisu?” jedhee ni gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Gooftaan dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif.
1KI 22:7 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate.
1KI 22:8 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen.
1KI 22:9 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
1KI 22:10 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan.
1KI 22:11 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse.
1KI 22:12 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan.
1KI 22:13 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
1KI 22:14 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni natti himu qofan isatti hima” jedhe.
1KI 22:15 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate. Miikiyaasis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee ni kennaatii waraanii moʼadhu” jedhee deebise.
1KI 22:16 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen.
1KI 22:17 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’ ”
1KI 22:18 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
1KI 22:19 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi: Ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin naannoo isaa dhadhaabatanuu nan arge.
1KI 22:20 Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaabin gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha.
1KI 22:21 Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe.
1KI 22:22 “Waaqayyos, ‘Karaa kamiin isa gowwoomsita?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen.
1KI 22:23 “Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneen hundaa keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.”
1KI 22:24 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate.
1KI 22:25 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
1KI 22:26 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii,
1KI 22:27 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
1KI 22:28 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
1KI 22:29 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan.
1KI 22:30 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
1KI 22:31 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaa soddomii lamaaniin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje.
1KI 22:32 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Dhugumaan kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; garuu yommuu Yehooshaafaax guddisee iyyetti,
1KI 22:33 ajajjoonni gaariiwwaniis akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganii isa ariʼuu dhiisan.
1KI 22:34 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa uffata isaa kan sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi; ani madaaʼeeraatii” jedhe.
1KI 22:35 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootichis ol qabamee fuula isaa gara warra Sooriyaatti deebifatee gaarii isaa keessa oole. Madaa isaa keessaas dhiigni yaaʼee gaarii keessa lolaʼe; innis galgaluma sana duʼe.
1KI 22:36 Akkuma aduun dhiiteen iyyi, “Tokkoon tokkoon namaa gara magaalaa ofii isaatti; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti!” jedhu tokko dhagaʼame.
1KI 22:37 Kanaafuu mootichi duunaan Samaariyaatti geeffame; isaanis achitti isa awwaalan.
1KI 22:38 Isaanis haroo Samaariyaa keessaa kan sagaagaltoonni itti dhiqachaa turan tokko keessatti gaarii sana dhiqan; akkuma dubbiin Waaqayyoo jedhee ture sana saroonni dhiiga isaa arraaban.
1KI 22:39 Wantoonni bara mootummaa Ahaab keessa hojjetaman biraa, wantoota inni hojjete hunda dabalatee, masaraa mootummaa inni ijaaree ilka arbaatiin bareeche sun, magaalaawwan inni dallaa dhagaa itti ijaare kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
1KI 22:40 Ahaabis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Ahaaziyaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1KI 22:41 Yehooshaafaax ilmi Aasaa, bara mootummaa Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa afuraffaatti mootii Yihuudaa taʼe.
1KI 22:42 Yehooshaafaax yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte.
1KI 22:43 Innis waan hundumaan karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete. Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii achitti aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas aarsaa turan.
1KI 22:44 Yehooshaafaaxis mootii Israaʼel wajjin nagaan jiraata ture.
1KI 22:45 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa hojjetaman kaan, jabinni inni argisiisee fi haalli inni itti lolaa ture kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
1KI 22:46 Inni manneen sagadaa dhiirota sagaagalanii kanneen bara mootummaa abbaa isaa Aasaa keessa turan iyyuu biyyattii keessaa ni balleesse.
1KI 22:47 Yeroo sanatti Edoom keessa mootiin tokko iyyuu hin jiru ture; itti aanaa mootiitu biyya bulchaa ture.
1KI 22:48 Yehooshaafaaxis warqee barbaacha Oofiir dhaquuf jedhee dooniiwwan tolfate; dooniiwwan sun garuu sababii Eziyoon Geberitti caccabaniif achi dhaquu hin dandeenye.
1KI 22:49 Yeroo sana Ahaaziyaa ilmi Ahaab Yehooshaafaaxiin, “Mee namoonni koo namoota kee wajjin dooniin haa deeman” jedhe; Yehooshaafaax garuu ni dide.
1KI 22:50 Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1KI 22:51 Ahaaziyaan ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼe; innis waggaa lama Israaʼelin bulche.
1KI 22:52 Inni karaa abbaa isaatii fi haadha isaa irra akkasumas karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat kan Israaʼelin cubbuu hojjechiise sanaa irra deemuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
1KI 22:53 Innis akkuma abbaan isaa godhe sana Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaase.
2KI 1:1 Erga Ahaab duʼee booddee Moʼaab Israaʼelitti fincile.
2KI 1:2 Ahaaziyaanis qaawwa darbii mana isaa kan Samaariyaa keessaan kufee miidhamee ture. Kanaafuu inni, “Akka ani miidhaa kana irraa fayyuu fi fayyuu baachuu koo beekuuf dhaqaatii Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana naaf gaafadhaa” jedhee ergamoota erge.
2KI 1:3 Ergamaan Waaqayyoo garuu Eeliyaas namicha gosa Tishbii sanaan akkana jedhe; “Kaʼiitii gara ergamoota mooticha Samaariyaa sanaatti ol baʼiitii akkana jedhii isaan gaafadhu; ‘Wanni isin Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuu dhaqxaniif Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii?’
2KI 1:4 Kanaafuu Waaqayyo, ‘Ati siree amma irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ jedha.” Kana irratti Eeliyaas kaʼee deeme.
2KI 1:5 Mootichis yommuu ergamoonni gara isaatti deebiʼanitti, “Isin maaliif deebitan?” jedhee isaan gaafate.
2KI 1:6 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namicha tokkotu karaatti nutti dhufee, ‘Gara mooticha isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana jedhaanii’ nuun jedhe; ‘Waaqayyo akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon sana gorsa gaafachuuf namoota ergituuf Israaʼel keessaa Waaqni dhabameetii? Kanaafuu ati siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ ”
2KI 1:7 Mootichi, “Namichi karaatti isinitti dhufee waan kana isinitti hime sun nama akkamii ti?” jedhee isaan gaafate.
2KI 1:8 Isaanis, “Inni nama uffata rifeensa irraa hojjetame uffatee sabbata gogaa mudhii isaatti hidhatu tokkoo dha” jedhanii deebisaniif. Mootichis, “Inni Eeliyaas namicha Tishbii sanaa dha” jedhe.
2KI 1:9 Kana irratti mootichi ajajaa waraanaa tokko namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis fiixee gaara inni irra taaʼaa ture tokkootti Eeliyaasitti ol baʼee, “Yaa nama Waaqaa, mootichi ‘Gad kottu!’ siin jedha” jedheen.
2KI 1:10 Eeliyaas immoo ajajaa sanaan, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantamman haa fixu!” jedhe. Ergasii ibiddi samii irraa gad buʼee ajajaa sanaa fi namoota isaa hunda fixe.
2KI 1:11 Kana irratti mootichi amma illee ajajaa biraa namoota shantama wajjin Eeliyaasitti erge. Ajajaan sunis, “Yaa nama Waaqaa, mootichi, ‘Dafii gad buʼiitii kottu!’ siin jedha” jedheen.
2KI 1:12 Eeliyaas garuu, “Yoo ani nama Waaqaa taʼe, ibiddi samii irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantammanuu haa fixu!” jedhee deebiseef. Ibiddi Waaqaas samii irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa shantammanuu ni fixe.
2KI 1:13 Kanaafuu mootichi ammas ajajaa sadaffaa namoota shantama wajjin ni erge. Ajajaan sadaffaan kun ol baʼee jilba ofii isaatiin Eeliyaas duratti jilbeenfatee akkana jedhee isa ni kadhate; “Yaa nama Waaqaa, maaloo lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanneenii gatii hin dhabin!
2KI 1:14 Kunoo, ibiddi samii irraa gad buʼee ajajjuuwwan duraa lamaanii fi namoota isaanii hunda fixeera. Amma garuu lubbuun koo fuula kee duratti gatii haa qabaattu!”
2KI 1:15 Ergamaan Waaqayyoos Eeliyaasiin, “Isa wajjin gad buʼi; isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu Eeliyaas kaʼee isa wajjin gara mootichaatti gad buʼe.
2KI 1:16 Innis akkana jedhee mootichatti hime; “Waaqayyo akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqicha Eqroon gorsa gaafachuudhaaf ergamoota ergiteef Israaʼel keessaa Waaqni gorsa gaafatamu dhabameetii? Ati sababii waan kana hojjetteef siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!”
2KI 1:17 Kanaafuu inni akkuma dubbii Waaqayyoo kan Eeliyaas dubbate sanaatti duʼe. Sababii Ahaaziyaan ilma hin qabneef obboleessi isaa Yehooraam iddoo isaa buʼee mootii taʼe; kunis bara Yehooraam ilmi Yehooshaafaax mootii Yihuudaa ture keessa waggaa lammaffaatti taʼe.
2KI 1:18 Wantoonni bara mootummaa Ahaaziyaa keessa hojjetaman kan biraa hundii fi wanti inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 2:1 Yeroo Waaqayyo bubbeedhaan Eeliyaasin gara Samiitti ol fudhachuu gaʼetti Eeliyaasii fi Elsaaʼi Gilgaalii kaʼanii karaa deemaa turan.
2KI 2:2 Eeliyaasis Elsaaʼiin, “Ati asuma turi; Waaqayyo Beetʼeelitti na ergeeraatii” jedhe. Elsaaʼi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan Beetʼeelitti gad buʼan.
2KI 2:3 Ergasiis waldaan raajotaa kanneen Beetʼeel turan gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii ni gaafatan. Elsaaʼi immoo, “Eeyyee, ani nan beeka; garuu isin waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
2KI 2:4 Eeliyaasis “Yaa Elsaaʼi, ati asuma turi; Waaqayyo gara Yerikootti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan gara Yerikoo deeman.
2KI 2:5 Waldaan raajotaa kanneen Yerikoo turan sun gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii gaafatan. Innis, “Eeyyee nan beeka; isin garuu waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
2KI 2:6 Eeliyaasis, “Ati asuma turi; Waaqayyo Yordaanositti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan lamaanuu kaʼanii deeman.
2KI 2:7 Isaanis Yordaanos bira dhaabatan; waldaa raajotaa keessaa namoonni shantamni dhaqanii irraa fagaatanii fuula isaanii dura dhadhaabatan.
2KI 2:8 Eeliyaasis kaabbaa isaa of irraa baasee dadachaasee ittiin bishaan dhaʼe. Bishaan sunis mirgaa fi bitaatti gargar qoodame; isaan lamaanuu lafa gogaa irra ceʼan.
2KI 2:9 Eeliyaasis erga ceʼanii booddee Elsaaʼiin, “Mee waan ani utuu si biraa hin fudhatamin siif gochuu dandaʼu natti himi” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Hafuurri kee dachaadhaan narra haa buʼu” jedhee deebiseef.
2KI 2:10 Eeliyaas immoo, “Ati waan rakkisaa kadhatte; taʼus yoo ati yeroo ani si biraa fudhatamutti na argite, hafuurri kun kan kee taʼa; yoo kanaa achi kan kee hin taʼu” jedheen.
2KI 2:11 Utuma isaan haasaʼaa deemanuu gaariin ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa akkuma tasaa mulʼatanii isaan lamaan gargari baasan; Eeliyaasis bubbeedhaan samiitti ol fudhatame.
2KI 2:12 Elsaaʼi waan kana argee, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Gaariiwwanii fi abbootii farda Israaʼel!” jedhee sagalee ol fudhatee iyye. Elsaaʼi ergasii deebiʼee isa hin argine. Innis uffata isaa qabee iddoo lamatti gargar tarsaase.
2KI 2:13 Innis kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fuudhee deebiʼee qarqara laga Yordaanos dhaabate.
2KI 2:14 Ergasii kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fudhatee ittiin bishaan dhaʼee, “Waaqayyo Waaqni Eeliyaas sun amma eessa jira?” jedhee gaafate. Yommuu inni dhaʼetti bishaan sun mirgaa fi bitaatti gargari qoodame; Elsaaʼis ni ceʼe.
2KI 2:15 Waldaan raajotaa kanneen Yerikoodhaa dhufanii waan kana ilaalaa turan, “Hafuurri Eeliyaas Elsaaʼi irra buʼuutti jira” jedhan. Isaanis isa simachuudhaaf dhaqanii fuula isaa duratti lafatti gombifaman.
2KI 2:16 Akkanas jedhaniin; “Kunoo, nu tajaajiltoonni kee namoota ciccimoo shantama of biraa qabna. Isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Hafuurri Waaqayyoo ol isa fuudhee tulluu wayii irra yookaan sulula wayii keessa isa buuse taʼaatii.” Elsaaʼi immoo, “Akkas miti; isaan hin erginaa” jedhee deebise.
2KI 2:17 Isaan garuu hamma inni isaan jalaa diduu qaanaʼutti isa dirqisiisan. Kana irratti inni, “Isaan ergaa” jedhe. Isaanis nama shantama ni ergan; namoonni sunis bultii sadii barbaadanii isa dhaban.
2KI 2:18 Isaanis utuma inni Yerikoo jiruu deebiʼanii gara isaa dhufan; innis, “Ani hin deeminaa isiniin hin jennee?” jedheen.
2KI 2:19 Namoonni magaalaa sanaa Elsaaʼiin, “Kunoo yaa gooftaa keenya, akkuma ati argitu kana haalli magaalaa kanaa namatti tola; garuu bishaan ishee faalamaa dha; lafti ishees midhaan hin baaftu” jedhan.
2KI 2:20 Innis, “Mee waciitii haaraa naa fidaatii soogidda itti naqaa” jedheen. Kanaafuu isaan waciitii sana itti fidan.
2KI 2:21 Innis gara burqaatti gad buʼee, soogidda sana itti naqee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Bishaan kun lammata duʼa hin fidu yookaan maseenummaa biyyatti hin fidu.’ ”
2KI 2:22 Bishaan sunis akkuma dubbii Elsaaʼi dubbate sanaatti hamma ammaatti fayyeera.
2KI 2:23 Ergasii Elsaaʼi kaʼee Beetʼeel dhaqe. Utuma inni karaa deemuu ijoolleen tokko magaalaa keessaa yaatee, “Namicha mataa moluu nana deemi asii! Namicha mataa moluu nana deemi asii!” jedhanii itti qoosan.
2KI 2:24 Inni of irra garagalee isaan milʼatee maqaa Waaqayyootiin isaan abaare. Yommus amaakenni lama bosona keessaa baʼanii ijoollee sana keessaa afurtamii lama cicciranii fixan.
2KI 2:25 Elsaaʼis ittuma fufee gara Tulluu Qarmeloos dhaqe; achii kaʼees Samaariyaatti deebiʼe.
2KI 3:1 Yehooraam ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche.
2KI 3:2 Yehooraam fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; garuu akka abbaa fi haati isaa hojjetan sana miti. Inni siidaa Baʼaal kan abbaan isaa hojjechiise sana balleesseeraatii.
2KI 3:3 Taʼus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni saba Israaʼel hojjechiise sana cimsee qabate malee irraa hin deebine.
2KI 3:4 Yeroo kanatti Meeshaan mootichi Moʼaab hoolota horsiisa ture; inni waggaa waggaatti xobbaallaa hoolaa kuma dhibba tokkoo fi rifeensa korbeeyyii hoolaa kuma dhibba tokko mootii Israaʼeliif gibira kenna ture.
2KI 3:5 Erga Ahaab duʼee garuu mootichi Moʼaab mootii Israaʼelitti ni fincile.
2KI 3:6 Kanaafuu yeroo sanatti Yehooraam mootichi Samaariyaadhaa kaʼee saba Israaʼel hunda duulaaf hiriirse.
2KI 3:7 Innis, “Mootiin Moʼaab natti fincileera; Moʼaabin loluudhaaf ati na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatti ergaa ergate. Yehooshaafaaxis, “Ani si wajjin nan baʼa; ani akkuma kee ti; sabni koos akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti” jedhee deebiseef.
2KI 3:8 Innis, “Karaa kamiin yaana?” jedhee gaafate. Yehooraam immoo, “Karaa Gammoojjii Edoomiitiin” jedhee deebiseef.
2KI 3:9 Kanaafuu mootiin Israaʼel mootii Yihuudaatii fi mootii Edoom wajjin kaʼee qajeele. Erga guyyaa torba irra nanaannaʼanii booddee loltoonni sun ofii isaaniitiif yookaan horii isaaniitiif bishaan tokko illee hin qaban ture.
2KI 3:10 Kana irratti mootiin Israaʼel, “Wayyoo kaa! Waaqayyo nu mootota sadanuu dabarsee mootii Moʼaabitti kennuudhaaf walitti nu waamee?” jedhee iyye.
2KI 3:11 Yehooshaafaax garuu, “Raajiin Waaqayyoo kan nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafannu tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate. Qondaalli mootii Israaʼel tokkos, “Elsaaʼi ilmi Shaafaax as jira. Inni Eeliyaasiif bishaan harkaa buusa ture” jedhee deebise.
2KI 3:12 Yehooshaafaaxis, “Dubbiin Waaqayyoo isa bira jira” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel, Yehooshaafaaxii fi mootiin Edoom gara Elsaaʼitti gad buʼan.
2KI 3:13 Elsaaʼi mootii Israaʼeliin, “Nu maal wal irraa qabna? Ati gara raajota abbaa keetiitii fi gara raajota haadha keetii dhaqi” jedhe. Mootiin Israaʼel, “Akkas miti; Waaqayyo nu mootota sadanuu dabarsee Moʼaabitti kennuudhaaf walitti nu waameeraatii” jedhee deebise.
2KI 3:14 Elsaaʼi immoo akkana jedhee deebise; “Dhugaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa; ani utuu Yehooshaafaax mooticha Yihuudaatiif ulfina kennuu baadhee silaa garagalee si hin ilaalu yookaan wayittuu si hin hedun ture.
2KI 3:15 Amma garuu nama baganaa taphatu tokko naa fidaa.” Utuma namichi sun baganaa taphachaa jiruu harki Waaqayyoo Elsaaʼi irra buʼe;
2KI 3:16 innis akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: Sulula kana keessatti boolla hedduu qotaa.
2KI 3:17 Waaqayyo akkana jedhaatii: Isin bubbee yookaan bokkaa hin argitan; taʼus sululli kun bishaaniin guutama; isin, loon keessanii fi horiin keessan kaan ni dhugdu.
2KI 3:18 Wanni kun fuula Waaqayyoo duratti waan salphaa dha; inni Moʼaabinis dabarsee harka keessanitti ni kenna.
2KI 3:19 Isin magaalaa dallaan itti ijaarame hundaa fi magaalaawwan hunda ni moʼattu. Muka gaarii hunda ni murtu; burqaa hunda gogsitanii lafa qotiisaa gaarii hunda dhagaan balleessitu.”
2KI 3:20 Guyyaa itti aanu ganama gara saʼaatii aarsaan itti dhiʼeeffamuutti kunoo karaa Edoomiin bishaan gad ni dhangalaʼe! Biyyi sunis bishaaniin guutamte.
2KI 3:21 Yeroo kanatti Moʼaabonni hundi akka mootonni sun isaan loluu dhufan dhagaʼan; kanaafuu dargaggeessas taʼu jaarsi miʼa lolaa baachuu dandaʼu hundi walitti waamamee daangaa irratti walitti qabame.
2KI 3:22 Yommuu isaan ganama barii kaʼanitti biiftuun bishaan sana irratti baʼaa turte. Bishaan sunis Moʼaabota gama jiranitti akkuma dhiigaa diimatee mulʼate.
2KI 3:23 Isaanis, “Wanni sun dhiiga! Mootonni sun wal lolanii wal fixuun isaanii hin oolu. Kanaafuu yaa Moʼaab boojuudhaaf kaʼi!” jedhan.
2KI 3:24 Garuu yeroo Moʼaabonni qubata Israaʼel gaʼanitti, Israaʼeloonni itti kaʼanii lolan; jarri sunis ni baqatan. Israaʼeloonnis biyya sana weeraranii Moʼaabota gogorraʼan.
2KI 3:25 Isaanis akkasiin magaalaawwan balleessan; tokkoon tokkoon namaas lafa qotiisaa gaggaarii hunda irratti dhagaa darbatee lafti qotiisaa sun dhagaadhaan guutame. Isaan burqaawwan hunda gogsanii muka gaggaarii hunda ciran. Qiir Hareesheti qofatu dhagaa ishee wajjin hafe; taʼus namoonni furrisaa qaban marsanii ishee dhaʼan.
2KI 3:26 Mootiin Moʼaab yommuu akka lolli isatti jabaate argetti mooticha Edoomitti cabsee seenuuf namoota goraadee hidhatan dhibba torba fudhatee qajeele; jarri garuu hin dandeenye.
2KI 3:27 Innis ilma isaa hangafa kan iddoo isaa buʼee mootii taʼuuf jiru fudhatee dallaa magaalaa sanaa irratti aarsaa gubamu godhee dhiʼeesse. Dheekkamsi guddaanis Israaʼelitti dhufe. Isaanis dugda duubatti deebiʼanii biyya isaaniitti ni galan.
2KI 4:1 Niitiin namicha ilmaan raajotaa keessaa tokko taʼe tokkoo sagalee ol fudhattee Elsaaʼiin akkana jette; “Dhirsi koo garbichi kee duʼeera; akka inni Waaqayyoon sodaachaa ture atuu ni beekta. Namichi liqii isa irraa qabu tokko garuu amma ilmaan koo lamaan fudhatee garboomfachuuf dhufaa jira.”
2KI 4:2 Elsaaʼis, “Ani akkamittin si gargaaruu dandaʼa? Mee natti himi; mana kee keessaa maal qabdaa?” jedheen. Isheenis, “Garbittiin kee zayitii xinnoo tokko malee homaa manaa hin qabdu” jettee deebifte.
2KI 4:3 Elsaaʼi akkana jedheen; “Dhaqiitii warra ollaa keetii hunda okkotee duwwaa hedduu kadhadhu. Muraasa hin kadhatin.
2KI 4:4 Ergasii ol galiitii ofii keetii fi ilmaan keetti balbala cufi. Okkotee hundatti zayitii naqiitii yommuu tokkoon tokkoon isaa guutamutti jalaa hiiqsi.”
2KI 4:5 Isheenis isa biraa deemtee ofii isheettii fi ilmaan isheetti balbala cufte. Ilmaan ishee okkotee gara isheetti fidan; isheen immoo zayitii itti naqaa turte.
2KI 4:6 Okkoteen hundi guutamnaan isheen ilma isheetiin, “kan biraa naaf fidi” jette. Inni immoo, “Okkoteen tokko iyyuu hin hafne” jedhee deebiseef. Kana irratti zayitiin sun yaaʼuu dhiise.
2KI 4:7 Isheen dhaqxee nama Waaqaa sanatti himte; innis, “Dhaqii zayitii sana gurguriitii liqii kee baafadhu. Atii fi ilmaan kee waan hafeen jiraachuu ni dandeessu” jedhe.
2KI 4:8 Gaaf tokko Elsaaʼi kaʼee Suunam dhaqe. Dubartiin soorettiin tokko achi jiraatti turte; isheenis akka inni goree waa nyaatuuf Elsaaʼi kadhatte. Kanaafuu inni yeroo karaa sanaan darbu hunda goree waa nyaata ture.
2KI 4:9 Isheenis dhirsa isheetiin akkana jette; “Ani namichi yeroo hunda karaa keenyaan darbu kun qulqulluu nama Waaqaa akka taʼe nan beeka.
2KI 4:10 Kottu mee bantii manaa irratti kutaa xinnaa tokko ijaarree siree fi minjaala, barcumaa fi ibsaa achi keessa haa keenyuuf. Ergasiis inni yeroo nu bira dhufu hunda achi jiraachuu dandaʼa.”
2KI 4:11 Elsaaʼis gaaf tokko dhufee ol baʼee kutaa isaa sana keessa ciise.
2KI 4:12 Innis tajaajilaa isaa Gehaaziin, “Mee dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Gehaaz ishee waamnaan isheen dhuftee fuula Elsaaʼi dura dhaabatte.
2KI 4:13 Elsaaʼi immoo akkana isaan jedhe; “ ‘Ati nuuf jettee baayʼee dadhabdeerta. Amma maal siif haa godhu? Iddoo kee buunee mootichatti yookaan ajajaa loltootaatti siif dubbannuu?’ jedhii isheetti himi.” Ishee immoo, “Ani saba koo gidduun jiraadha” jettee deebifte.
2KI 4:14 Elsaaʼis, “Maaltu isheef godhamuu dandaʼa?” jedhee gaafate. Gehaaz immoo, “Isheen ilma hin qabdu; dhirsi ishees dulloomee jira” jedheen.
2KI 4:15 Elsaaʼis, “Ishee waami” jedheen. Kanaafuu inni ishee waame; isheenis balbala dura dhaabatte.
2KI 4:16 Elsaaʼi, “Ati waggaa dhufu keessa yeroo kanatti ilma ni hammatta” jedheen. Isheen immoo, “Akkas miti yaa gooftaa koo; yaa nama Waaqaa, ati garbittii kee hin gowwoomsin!” jette.
2KI 4:17 Dubartiin sun garuu ni ulfoofte; akkuma Elsaaʼi isheetti hime sanatti waggaa itti aanu keessa yeruma sanatti ilma deesse.
2KI 4:18 Mucaan sunis ni guddate; innis gaaf tokko gara warra midhaan haamanii abbaa isaa bira dhaqe.
2KI 4:19 Innis abbaa isaatiin, “Mataa koo! Mataa koo!” jedhe. Abbaan isaa immoo hojjetaa tokkoon, “Baadhuutii gara haadha isaatti isa geessi” jedhe.
2KI 4:20 Erga hojjetaan sun fuudhee gara haadha isaati isa geessee booddee mucaan sun hamma saafaatti gudeeda haadha isaa irra taaʼee ergasii immoo ni duʼe.
2KI 4:21 Isheen ol baatee siree nama Waaqaa sanaa irra isa ciibsite; mana itti cuftees kaatee biraa deemte.
2KI 4:22 Isheen dhirsa ishee waamtee, “Mee akka ani dafee gara nama Waaqaa dhaqee deebiʼuuf hojjetaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi” jetteen.
2KI 4:23 Inni immoo, “Harʼa ayyaana baatii miti yookaan Sanbata miti. Ati maaliif harʼa gara isaa dhaqxa ree?” jedheen. Isheen, “Nagumaafin dhaqa” jette.
2KI 4:24 Isheenis harree ishee irra kooraa kaaʼattee hojjetaa isheetiin, “Karaa qabadhu; yoo ani sitti hime malee anaaf jettee suuta hin deemsisin” jette.
2KI 4:25 Kanaafuu isheen kaatee gara Tulluu Qarmeloos nama Waaqaa sana bira dhaqxe. Namni Waaqaa sun fagootti ishee arginaan tajaajilaa isaa Gehaaziin akkana jedhe; “Ilaa! Dubartiin Suunam sun kuunnoo ti!
2KI 4:26 Fiigii ishee simadhuutii, ‘Ati fayyumaa? Dhirsi kee fayyumaa? Mucaan kee fayyumaa?’ jedhii gaafadhu.” Isheenis, “Wanni hundinuu naguma” jettee deebifte.
2KI 4:27 Isheen yommuu tulluu sana irratti nama Waaqaa sana bira geessetti, jabeessitee miilla isaa qabatte. Gehaaz immoo gad dhiisisuuf dhufe; namni Waaqaa sun garuu, “Ishee hin tuqin! Isheen gadda guddaa keessa jirti; Waaqayyo garuu waan kana na dhokse; nattis hin himne” jedhe.
2KI 4:28 Isheenis, “Yaa gooftaa koo ani ilma si kadhadheeraa? Ani, ‘Na hin gowwoomsin’ siin hin jennee?” jetteen.
2KI 4:29 Kana irratti Elsaaʼi Gehaaziin akkana jedhe; “Sabbataan mudhii kee hidhadhuutii, ulee koo harkatti qabadhuutii fiigi. Nama karaatti argite tokko illee hin dubbisin; yoo namni kam iyyuu si dubbise deebii hin kenniniif; ulee koos fuula mucaa sanaa irra kaaʼi.”
2KI 4:30 Haati daaʼima sanaa garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani si dhiisee hin deemu” jette. Kanaafuu inni kaʼee ishee duukaa buʼe.
2KI 4:31 Gehaaz isaan dura darbee ulee sana fuula mucaa irra kaaʼe; garuu sagaleen yookaan mallattoon tokko iyyuu hin turre. Kanaaf Gehaaz gara Elsaaʼitti deebiʼee, “Mucaan hin dammaqne” jedhee itti hime.
2KI 4:32 Yommuu Elsaaʼi mana gaʼetti mucaan sun duʼee siree isaa irra ciisaa ture.
2KI 4:33 Elsaaʼis ol seenee, ofii fi mucaatti balbala cufee Waaqayyoon kadhate.
2KI 4:34 Ergasiis siree yaabbatee, afaan isaa afaan mucaa irra, ija isaa ija mucaa irra, harka isaa harka mucaa irra kaaʼee mucicha irra ciise. Akkuma inni mucaa sana irratti diriireen dhagni mucaa hoʼuu jalqabe.
2KI 4:35 Elsaaʼi achi garagalee mana keessa asii fi achi nanaannaʼee amma illee siree yaabbatee mucaa irratti diriire. Mucaan sunis yeroo torba haxxifatee ija banate.
2KI 4:36 Elsaaʼis Gehaazin waamee, “Dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Innis ishee waame. Elsaaʼi yommuu isheen gara isaa dhuftetti, “Kunoo mucaa kee fudhadhu” jedheen.
2KI 4:37 Isheen ol seentee, miilla isaa irratti kuftee addaan lafatti gombifamte. Ergasiis mucaa ishee fudhattee gad baate.
2KI 4:38 Elsaaʼis kaʼee Gilgaalitti deebiʼe; yeroo sanatti biyya sana keessa beelatu ture. Innis utuu waldaan raajotaa fuula isaa dura taaʼaa jiranii tajaajilaa isaatiin, “Okkotee guddicha ibiddaa irra kaaʼiitii namoota kanaaf ittoo bilcheessi” jedhe.
2KI 4:39 Isaan keessaa namni tokko raafuu funaannachuuf gad baʼee wayinii bosonaa tokko arge. Wayinii bosonaa sana irraa wiillee ciree dachaa uffata isaa guuttate. Yeroo deebiʼettis buqqee sana murmuree okkotee ittoo sanatti naqe. Namni tokko iyyuu waan sana hin beeku tureetii.
2KI 4:40 Ittoon sunis jaraaf dhiʼeeffame; isaan garuu akkuma nyaachuu jalqabaniin, “Yaa nama Waaqaa, okkotee kana keessa duʼatu jira!” jedhanii iyyan. Isaanis ittoo sana nyaachuu hin dandeenye.
2KI 4:41 Elsaaʼi, “Daakuu wayii naa fidaa” jedhe. Daakuu sanas okkoteetti naqee, “Akka nyaataniif namootaaf dhiʼeessaa” jedhe. Ergasii wanni nama miidhu tokko iyyuu okkotee sana keessatti hin argamne.
2KI 4:42 Namichi tokko buddeena garbuu kan mataa midhaan bilchaatee irraa tolfame digdamaa fi asheetii midhaanii nama Waaqaa sanaaf fidee Baʼaal Shaaliishaadhaa dhufe. Elsaaʼis, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni” jedhe.
2KI 4:43 Tajaajilaan isaa immoo, “Ani akkamiinan waan kana nama dhibba tokko duratti dhiʼeessuu dandaʼa?” jedhee gaafate. Elsaaʼi garuu, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni. Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Isaan nyaatanii hambaa illee ni qabaatu’ ” jedhee deebise.
2KI 4:44 Innis fuudhee isaan duratti dhiʼeesse; isaanis akkuma dubbii Waaqayyoo sanaatti nyaatanii hambaa hambisan.
2KI 5:1 Naʼamaan ajajaa loltoota mooticha Sooriyaa ture. Sababii Waaqayyo karaa isaatiin warra Sooriyaatiif mooʼicha kenneef inni fuula gooftaa isaa duratti nama guddaa akka malee ulfina qabu ture. Inni loltuu jagna; garuu lamxii qaba ture.
2KI 5:2 Bara sana keessa tuunni loltoota Sooriyaa dhaqee intala dargaggeettii gosa Israaʼel tokko boojiʼe; isheenis niitii Naʼamaan tajaajilaa turte.
2KI 5:3 Isheenis giiftii isheetiin, “Gooftaan koo utuu raajicha Samaariyaa jiru sana bira dhaqee silaa inni lamxii sana irraa isa fayyisa ture!” jette.
2KI 5:4 Naʼamaan dhaqee waan intalli Israaʼel jetteen sana gooftaa isaatti ni hime.
2KI 5:5 Mootiin Sooriyaas, “Waan fedhe illee taanaan ati dhaqi; ani mootii Israaʼelitti xalayaa nan barreessaatii” jedhee deebiseef. Kanaafuu Naʼamaan meetii taalaantii kudhan, warqee saqilii kuma jaʼaa fi uffata irraa jalaa kudhan fudhatee qajeele.
2KI 5:6 Xalayaan inni mootii Israaʼelitti geesse sun akkana jedha; “Ani akka ati lamxii irraa isa fayyiftuuf xalayaa kana wajjin tajaajilaa koo Naʼamaanin sitti ergeera.”
2KI 5:7 Mootiin Israaʼelis akkuma xalayaa sana dubbiseen uffata ofii tarsaasee akkana jedhe; “Ani Waaqaa? Ani nama ajjeesuu fi deebisee jiraachisuu nan dandaʼaa? Namichi kun maaliif akka lamxiin isaa fayyuuf nama natti erga? Mee akka inni lola natti kaasuu barbaadu ilaalaa!”
2KI 5:8 Elsaaʼi namni Waaqaa sun akka mootiin Israaʼel uffata isaa tarsaase dhageenyaan ergaa itti ergee, “Ati maaliif uffata kee tarsaafte? Namicha sana natti ergi; innis akka Israaʼel keessa raajiin jiru ni beekaatii” jedheen.
2KI 5:9 Kanaafuu Naʼamaan fardeen isaatii fi gaariiwwan isaa fudhatee dhaqee balbala mana Elsaaʼi dura dhaabate.
2KI 5:10 Elsaaʼi immoo, “Dhaqii Yordaanos keessatti yeroo torba dhiqadhu; foon kee fayyee akka duraatti siif deebiʼa; atis ni qulqullooftaa” jedhee nama itti erge.
2KI 5:11 Naʼamaan garuu aariidhaan kaʼee biraa deemee akkana jedhe; “Ani waan inni dhugumaan gara koo dhufee dhaabatee maqaa Waaqayyo Waaqa isaa waamee iddoo sana irra harka isaa qabee lamxii koo fayyisun seʼe.
2KI 5:12 Abaanaa fi Faarfaan lageen Damaasqoo sun bishaanota Israaʼel keessaa kam iyyuu hin caalanii? Ani isaan keessatti dhiqadhee fayyuu hin dandaʼu turee?” Kanaafuu inni akka malee aaree of irra garagalee deeme.
2KI 5:13 Tajaajiltoonni Naʼamaanis gara isaa dhaqanii, “Yaa abbaa ko, ati utuu raajiin kun waan guddaa tokko hojjedhu siin jedhee ni hojjetta mitii? Yoo inni, ‘Dhiqadhuutii qulqullaaʼi’ siin jedhe immoo hammam caalchiftee hin hojjettu ree?” jedhaniin.
2KI 5:14 Kanaafuu inni dhaqee akkuma namni Waaqaa sun jedheenitti yeroo torba Yordaanos keessa seenee baʼe; dhagni isaas fayyee akkuma duraatti deebiʼeefii akkuma dhagna mucaa xinnaa tokkootti qulqullaaʼeef.
2KI 5:15 Ergasii Naʼamaanii fi tajaajiltoonni isaa hundi gara nama Waaqaa sanaatti deebiʼan. Niʼimaanis fuula isaa dura dhaabatee, “Ani akka Israaʼel keessa malee addunyaa guutuu keessa Waaqni hin jirre amma beekeera. Kanaafuu maaloo garbicha kee irraa kennaa tokko fudhadhu” jedhe.
2KI 5:16 Raajiin sun immoo, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa ani isa tajaajiluu sanaa, ani waan tokko illee sirraa hin fudhadhu” jedhee deebise. Yoo Naʼamaan cimsee isa kadhate iyyuu inni fudhachuu dide.
2KI 5:17 Kana irratti Naʼamaan akkana jedheen; “Yoo fudhachuu baatte immoo, maaloo akka biyyoon gaangoo lamaa ana garbicha keetiif kennamu ajaji; garbichi kee siʼachi deebiʼee Waaqayyoof malee waaqota tolfamoo biraatiif aarsaa gubamuu fi qalma hin dhiʼeessuutii.
2KI 5:18 Garuu Waaqayyo waan tokkicha kana garbicha keetiif haa dhiisu: Gooftaan koo yommuu achitti sagaduuf mana qulqullummaa Rimoon seenutti natti irkata; anis yommuu inni sagadutti nan sagada; Waaqayyo waan kana ana garbicha keetiif haa dhiisu.”
2KI 5:19 Eelisaaʼis, “Nagaan deemi” jedheen. Erga Naʼamaan xinnoo achi fagaatee booddee,
2KI 5:20 Gehaaz tajaajilaan Elsaaʼi nama Waaqaa sanaa akkana ofiin jedhe; “Gooftaan koo utuu kennaa inni fide sana irraa hin fudhatin Naʼamaan namicha warra Arraam kana akkasumatti gad lakkise. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani isa faana fiigeen waa irraa fudhadha.”
2KI 5:21 Kanaafuu Gehaaz dafee Niʼimaan duukaa buʼe. Naʼamaanis yommuu akka inni gara isaatti fiigaa jiru argetti isa simachuudhaaf gaarii irraa buʼee, “Wanni hundi nagumaa?” jedhee isa gaafate.
2KI 5:22 Gehaazis akkana jedhee deebiseef; “Wanni hundinuu naguma. Gooftaan koo, ‘Kunoo ammuma waldaa raajotaa keessaa dargaggoonni lama biyya gaaraa Efreem irraa natti dhufaniiru. Maaloo meetii taalaantii tokkoo fi uffata irraa jalaa lama kenniif’ akkan siin jedhuuf na erge.”
2KI 5:23 Naʼamaan immoo Gehaaziin, “Akkuma fedhe illee taʼu taalaantii lama fudhadhu” jedhe. Innis akka Gehaaz waan sana fudhatuuf cimsee isa kadhate; ergasiis meetii taalaantii lama borsaa lamatti hidhee uffata irraa jalaa lama wajjin tajaajiltoota isaatti kenne. Isaanis baatanii Gehaaz dura qajeelan.
2KI 5:24 Gehaazis yommuu gaara bira gaʼetti waan sana hojjettoota sana harkaa fuudhee mana keessa ol kaaʼe. Namoota sanas of irraa geggeesse; isaanis kaʼanii deeman.
2KI 5:25 Innis ergasii dhaqee fuula gooftaa isaa Elsaaʼi dura dhaabate. Elsaaʼis, “Gehaaz, ati eessa turte?” jedhee gaafate. Gehaaz immoo, “Ani garbichi kee eessa iyyuu hin deemne” jedhee deebise.
2KI 5:26 Elsaaʼi garuu akkana jedheen; “Yeroo namichi sun siʼi simachuuf gaarii isaa irraa buʼe sanatti hafuurri koo si wajjin hin turree? Yeroon kun yeroo itti maallaqa yookaan wayyaa, lafa qotiisaa ejersaa, iddoo dhaabaa wayinii, bushaayee, karra loonii yookaan garboota dhiiraa fi garboota nadheenii fudhataniidhaa?
2KI 5:27 Lamxiin Naʼamaan sun hamma bara baraatti siʼii fi sanyii keetiitti qabatee hafa.” Innis lamxaaʼee akkuma cabbii addaatee fuula Elsaaʼi duraa baʼee deeme.
2KI 6:1 Ilmaan raajotaa sun Elsaaʼiin akkana jedhan; “Kunoo, iddoon nu si wajjin wal geenyu nutti dhiphateera.
2KI 6:2 Akka nu Yordaanos dhaqnee tokkoon tokkoon keenya muka cirannee iddoo jiraannu achitti ijaarrannuuf nuu eeyyami.” Innis, “Dhaqaa” jedheen.
2KI 6:3 Isaan keessaa namni tokko, “Maaloo ati nu garboota kee wajjin hin deemtuu?” jedhee gaafate. Elsaaʼi immoo, “Nan deema” jedhee deebise.
2KI 6:4 Innis isaan wajjin deeme. Isaan Yordaanos dhaqanii muka cirachuu jalqaban.
2KI 6:5 Isaan keessaa tokko utuu muka muruutti jiruu qottoon muka isaa irraa buqqaʼee bishaan keessa buʼe. Namichi sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa koo; wanni kun waan ergifatamee dha!” jedhee iyye.
2KI 6:6 Namni Waaqaa sunis “Qottoon eessa buʼe?” jedhee gaafate. Yommuu inni iddoo qottoon sun buʼe isa argisiisetti Elsaaʼi muka xinnaa tokko kutee achi keessa buusee akka sibiilli sun bishaan gubbaa deemu godhe.
2KI 6:7 Innis, “Ol fudhadhu” jedheen. Namichi sunis harka diriirfatee qottoo isaa fudhate.
2KI 6:8 Yeroo sanatti mootiin Sooriyaa Israaʼeliin wal lolaa ture. Innis erga ajajjoota loltoota isaatiin mariʼatee booddee, “Ani lafa akkasiitii fi lafa akkasii keessa qubata koo nan dhaabbadha” jedhe.
2KI 6:9 Namni Waaqaa sunis, “Sababii namoonni Sooriyaa achitti gad buʼaa jiraniif ati akka karaa sanaan hin dabarre of eeggadhu” jedhee mootii Israaʼelitti ergaa erge.
2KI 6:10 Kanaafuu mootiin Israaʼel gara iddoo namni Waaqaa sun waaʼee isaa dubbate sanaatti nama ergee ni toʼate. Elsaaʼis akka mootichi iddoowwan akkasii irraa of eeggatu ammumaa amma isa akeekkachiise.
2KI 6:11 Wanni kun akka malee mootii Sooriyaa aarse. Innis ajajjoota loltoota isaa walitti waamee, “Isin amma nama nu keessaa mootii Israaʼeliif hojjechaa jiru natti hin himtanii?” jedhee gaafate.
2KI 6:12 Ajajjoota sana keessaa namni tokko akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mooticha, nu keessaa namni akkasii hin jiru; garuu Elsaaʼi raajicha Israaʼel keessa jiru sanatu dubbii ati diinqa kee keessatti dubbattu hunda mootii Israaʼelitti hima.”
2KI 6:13 Mootichi Sooriyaas, “Akka ani nama itti ergee isa qabsiisuu dandaʼuuf dhaqaatii lafa inni jiru ilaalaa” jedhee ajaje. Oduun, “Inni Dootaan keessa jira” jedhu tokkos isatti himame.
2KI 6:14 Innis ergasii fardeen, gaariiwwanii fi waraana jabaa achitti ni erge. Isaanis halkaniin dhaqanii magaalaa sana marsan.
2KI 6:15 Yommuu tajaajilaan nama Waaqaa sanaa guyyaa itti aanu ganama bariin gad baʼetti humni waraanaa tokko fardeenii fi gaariiwwaniin magaalaa sana marsee ture. Tajaajilaan sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa ko, maal goonu?” jedhee gaafate.
2KI 6:16 Raajiin sun immoo, “Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii” jedhee deebise.
2KI 6:17 Elsaaʼis, “Yaa Waaqayyo, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif” jedhee kadhate. Waaqayyos ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Elsaaʼitti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.
2KI 6:18 Diinni sun gara isaatti gad buunaan Elsaaʼi, “Jara kana jaamsi” jedhee Waaqayyoon kadhate. Kanaafuu Waaqni akkuma Elsaaʼi isa kadhate sana isaan jaamse.
2KI 6:19 Elsaaʼis, “Karaan sun kana miti; magaalaan sunis kana miti. Amma na duukaa buʼaa; anis nama isin barbaaddanitti isinan geessa” jedheen. Innis akkasiin Samaariyaatti isaan ni geesse.
2KI 6:20 Erga isaan magaalaa sana seenanii booddee Elsaaʼi, “Yaa Waaqayyo akka isaan arguu dandaʼaniif ija jara kanaa baniif” jedhe. Waaqayyos ija isaanii ni baneef; isaanis akka Samaariyaa keessa jiran ni argan.
2KI 6:21 Mootiin Israaʼelis isaan arginaan, “Yaa abbaa ko, ani isaan fixuu? Ani isaan fixuu?” jedhee Elsaaʼin ni gaafate.
2KI 6:22 Innis akkana jedhee deebise; “Isaan hin fixin; ati namoota boojite goraadee keetiin yookaan xiyya keetiin ni ajjeeftaa? Akka isaan nyaatanii dhuganii gara gooftaa isaaniitti deebiʼaniif nyaataa fi dhugaatii dhiʼeessiif.”
2KI 6:23 Kanaafuu inni cidha guddaa qopheesseefii erga isaan nyaatanii dhuganii booddee of irraa isaan geggeesse; isaanis gara gooftaa isaaniitti deebiʼan. Namoonni Sooriyaas ergasii deebiʼanii biyya Israaʼel hin weerarre.
2KI 6:24 Yeroo gabaabaa booddee, Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota isaa hunda walitti qabatee dhaqee Samaariyaa marse.
2KI 6:25 Beela akka malee hamaatu magaalaa sana keessa ture; waan magaalaan sun yeroo dheeraadhaaf marfamteef, mataan harree tokko meetii saqilii saddeettamatti, udaan gugee kiiloon tokko harka afur keessaa harki tokko meetii saqilii shanitti gurgurame.
2KI 6:26 Utuu mootiin Israaʼel dallaa dhagaa irraan darbuu dubartiin tokko, “Yaa gooftaa koo mooticha, na gargaari” jettee itti iyyite.
2KI 6:27 Mootichi immoo akkana jedhee deebiseef; “Yoo Waaqayyo si hin gargaarin ani eessaan gargaarsa siif arga? Oobdii midhaanii irraa moo? Iddoo wayinii itti cuunfan irraa?”
2KI 6:28 Ergasii, “Rakkoon kee maal?” jedhee ishee gaafate. Isheenis akkana jettee deebifteef; “Dubartiin kun, ‘Akka nu harʼa isa nyaannuuf mucaa kee nuu kenni; bor immoo mucaa koo nyaannaatii’ naan jette.
2KI 6:29 Kanaaf nu mucaa koo bilcheeffannee nyaanne. Guyyaa itti aanutti immoo ani, ‘Akka nu isa nyaannuuf mucaa kee nuuf kenni’ jedheen. Isheen garuu mucaa ishee ni dhokfatte.”
2KI 6:30 Mootichi yommuu dubbii dubartii sanaa dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. Utuu inni dallaa dhagaa irraan darbaa jiruu namoonni akka inni dhagna isaatti aansee wayyaa gaddaa uffatee jiru argan.
2KI 6:31 Innis, “Yoo mataan Elsaaʼi ilma Shaafaax, edana isa irra bule, Waaqni na haa adabu; adabbiin sunis akka malee natti haa cimuu!” jedhe.
2KI 6:32 Yeroo kanatti Elsaaʼi mana isaa keessa taaʼaa ture; maanguddoonnis isa wajjin tataaʼaa turan. Mootichi ergamaa tokko of dura erge; garuu utuu ergamaan sun hin dhufinuu Elsaaʼi maanguddootaan akkana jedhe; “Isin akka namichi nama ajjeesu kun mataa narraa kutuuf nama erge argituu? Kunoo yoo ergamaan sun dhufe balbala cufaatii ol seenuu dhowwaa. Kotteen gooftaa isaa isa duubaan dhagaʼamaa jira mitii?”
2KI 6:33 Utuma inni amma iyyuu isaan wajjin haasaʼaa jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe. Mootichis, “Balaan kun Waaqayyo biraa dhufe. Ani siʼachi maaliifin Waaqayyoon eega?” jedhe.
2KI 7:1 Elsaaʼi, “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo akkana jedha: Bor yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurama” jedhe.
2KI 7:2 Ajajaan loltootaa kan mootichi irree isaatti irkate sun nama Waaqaa sanaan, “Utuma Waaqayyo karra burqaa Samiiwwanii banee iyyuu wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkoo isaa illee hin nyaattu!” jedhe.
2KI 7:3 Yeroo kanatti namoota lamxii qaban afurtu balbala ittiin magaalattii seenan dura ture. Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu maaliif hamma duunutti as teenya?
2KI 7:4 Yoo nu, ‘Kottaa magaalaa seennaa’ jenne, beelli achi jira; nus ni duuna. Yoo as turre ni duuna. Kanaafuu kottaa gara qubata warra Sooriyaa dhaqnaa. Yoo isaan nu maaran ni jiraanna; yoo isaan nu fixan immoo ni dhumna.”
2KI 7:5 Isaan galgala dimimmisaan kaʼanii gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqan. Yommuu isaan qubata sana bira gaʼanitti namni tokko iyyuu achi hin turre;
2KI 7:6 Kunis sababii Gooftaan akka warri Sooriyaa didichuu gaariiwwanii, fardeeniitii fi kan waraana guddaa dhagaʼanii, “Kunoo, mootiin Israaʼel nu dhaʼuuf jedhee mootii Heetotaatii fi mootii warra Gibxi nutti bitateera!” waliin jedhan godheef.
2KI 7:7 Kanaafuu isaan dunkaana isaanii, fardeenii fi harroota isaanii dhiisanii dimimmisaan baqatan. Qubata isaaniis akkuma jirutti dhiisanii lubbuu isaanii oolfachuudhaaf ni baqatan.
2KI 7:8 Namoonni lamxii qaban sun daarii qubata sanaa bira gaʼanii dunkaana tokko seenan. Isaanis waa nyaatanii dhuganii meetii, warqee fi wayyaa guurratanii dhaqanii dhokfatan. Amma illee deebiʼanii dunkaana biraa seenanii waa keessaa guurratanii akkasuma dhokfatan.
2KI 7:9 Kana irratti isaan akkana waliin jedhan; “Nu waan qajeelaa hojjechuutti hin jirru; guyyaan kun guyyaa oduu gaarii ti; nu garuu inuma calʼifne. Yoo nu hamma bariʼutti calʼifne adabbiitu nu eeggata. Kanaafuu kottaa dafnee dhaqnee oduu kana mana mootummaatti himnaa.”
2KI 7:10 Isaanis dhaqanii namoota karra magaalaa eegan waamanii, “Nu gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqne; namni tokko illee achi hin turre; sagaleen nama tokkoo iyyuu hin dhagaʼamne. Fardeenii fi harroota hidhamanii fi dunkaana akkuma dhaabametti dhiifame qofatu ture” jedhan.
2KI 7:11 Warri karra eegan sunis oduu kana ni labsan; oduun sunis masaraa mootummaa keessatti ni dhagaʼame.
2KI 7:12 Mootichis halkaniin kaʼee ajajjoota loltoota isaatiin akkana jedhe; “Ani waan warri Sooriyaa nutti hojjetan isinittin hima; isaan akka nu beelaan miidhamaa jirru beeku; kanaafuu isaan, ‘Dhugumaan isaan gad ni baʼu; ergasiis nu utuma lubbuun jiranuu isaan qabnee magaalattii seenna’ jedhanii yaaduudhaan baadiyyaa keessa dhokachuudhaaf qubata dhiisanii baʼan.”
2KI 7:13 Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko akkana jedhee deebise; “Namoonni tokko tokko fardeen magaalaa keessatti hafan keessaa shan fudhatanii haa deeman. Rakkinni isaanii akkuma Israaʼeloota asitti hafan hundaa ti; dhugumaan isaan akkuma Israaʼeloota dhuman sana hundaa ni taʼu. Kanaafuu kottaa waan taʼe beekuudhaaf isaan erginaa.”
2KI 7:14 Kanaafuu isaan gaariiwwan lama fardeen isaanii wajjin ni filan; mootichis, “Dhaqaatii ilaalaa” jedhee loltoota Sooriyaa duubaan isaan erge.
2KI 7:15 Isaanis hamma Yordaanositti isaan duukaa buʼan; kunoo karaan hundi uffataa fi miʼa warri Sooriyaa yeroo ariitiidhaan baqatanitti daddarbataniin guutamee ture. Ergamoonni sunis deebiʼanii mootichatti himan.
2KI 7:16 Ergasiis namoonni gad yaaʼanii qubata warra Sooriyaa ni saaman. Kanaafuu akkuma Waaqayyo dubbate sana daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurame.
2KI 7:17 Mootichis yeroo kanatti ajajaa loltootaa kan irree isaatti irkatee ture sana itti gaafatamaa karraa godhee muude; namoonnis karra duratti isa irra yaaʼan; innis akkuma namni Waaqaa yeroo mootichi mana isaa dhufetti dubbate sana ni duʼe.
2KI 7:18 Kunis akkuma namni Waaqaa sun, “Bori yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti ni gurgurama” jedhee mootichatti hime sana taʼe.
2KI 7:19 Ajajaan loltootaa sunis nama Waaqaa sanaan “Utuma Waaqayyo karra burqaa samiiwwanii bane illee wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Namni Waaqaa sun immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkicha isaa illee hin nyaattu!” jedhe.
2KI 7:20 Wanni isa irra gaʼes dhugumaan kanaa dha; inni waan namoonni karra duratti isa irra yaaʼaniif duʼeetii.
2KI 8:1 Yeroo kanatti Elsaaʼi dubartii ilma ishee duʼaa kaaseef sanaan, “Sababii Waaqayyo beela waggaa torba turu tokko biyya kanatti ajajeef, maatii kee wajjin asii deemiitii iddoo jiraachuu dandeessu kam iyyuu jiraadhu” jedhe.
2KI 8:2 Dubartiin sunis kaatee akkuma namni Waaqaa sun jedheen goote. Ishee fi maatiin ishee dhaqanii biyya Filisxeemotaa keessa waggaa torba jiraatan.
2KI 8:3 Isheenis dhuma waggaa torbaatti biyya Filisxeemotaatii deebitee manaa fi lafa ishee kadhachuuf gara mootichaa ni dhaqxe.
2KI 8:4 Mootichis, “Mee waan Elsaaʼi hojjete gurguddaa natti himi” jedhee Gehaaz tajaajilaa nama Waaqaa sana wajjin haasaʼaa ture.
2KI 8:5 Utuma Gehaaz akka Elsaaʼi nama duʼe illee duʼaa kaase isatti himuutti jiruu dubartiin Elsaaʼi ilma ishee duʼaa kaaseef sun manaa fi lafa ishee kadhachuudhaaf gara mootichaa dhufte. Gehaazis, “Yaa gooftaa koo mooticha, dubartiin Elsaaʼi mucaa ishee duʼaa kaaseef sun kunoo ti” jedhe.
2KI 8:6 Mootichi waaʼee waan sanaa dubartittii gaafate; isheenis itti himte. Innis ergasii qondaala tokko dubbii isheetti ramadee, “Galii guyyaa isheen biyyaa baatee jalqabee lafa qotiisaa ishee irraa argame hunda itti dabaliitii waan kan ishee ture hunda deebisiif” jedheen.
2KI 8:7 Elsaaʼi Damaasqoo dhaqe; Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa immoo dhukkubsatee ture. Mootiin sunis yommuu, “Namni Waaqaa sun as dhufee jira” jedhanii itti himanitti,
2KI 8:8 Hazaaʼeeliin akkana jedhe; “Kennaa wayii fudhadhuutii dhaqii nama Waaqaa sana simadhu. Karaa isaatiinis, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan hafaa?’ jedhii Waaqayyoon gaafadhu.”
2KI 8:9 Hazaaʼeelis waan Damaasqoo keessaa akka malee gaggaarii taʼe fudhatee kennaa feʼiisa gaala afurtamaatiin Elsaaʼin simachuu dhaqe. Ol seenees fuula isaa dura dhaabatee, “Ilma kee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaatu, ‘Ani dhukkuba kana irraa hafaa?’ jedhee sitti na erge” jedheen.
2KI 8:10 Elsaaʼi immoo, “Dhaqiitii, ‘Ati dhugumaan irraa hafta’ jedhiin; garuu Waaqayyo akka inni dhugumaan duʼu na argisiiseera” jedhee deebiseef.
2KI 8:11 Elsaaʼi hamma Hazaaʼeel qaanaʼutti utuu ija irraa hin buqqifatin isa ilaale. Ergasii namni Waaqaa sun booʼuu jalqabe.
2KI 8:12 Hazaaʼeelis, “Gooftaan koo maaliif booʼa?” jedhee gaafate. Inni immoo akkana jedhee deebise; “Sababii ani miidhaa ati Israaʼelitti fiddu beekuuf; ati daʼannoo isaaniitti ibidda naqxa; dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixxa; daaʼimman isaanii lafaan dhooftee mimmiciriqsita; dubartoota isaanii kanneen ulfaaʼan garaa baqaqsita.”
2KI 8:13 Hazaaʼeel, “Ani garbichi kee sareen kun akkamiin waan hamtuu akkanaa hojjedha?” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Waaqayyo akka ati mootii Sooriyaa taatu na argisiiseera” jedhee deebiseef.
2KI 8:14 Hazaaʼeel ergasii Elsaaʼi biraa baʼee gara gooftaa isaatti deebiʼe. Yommuu Ben-Hadaad, “Elsaaʼi maal siin jedhe?” jedhee gaafatettis, Hazaaʼeel, “Inni akka ati dhugumaan irraa haftu natti hime” jedhee deebise.
2KI 8:15 Inni garuu guyyaa itti aanu wayyaa furdaa tokko fuudhee bishaan keessa cuuphee fuula mootichaa haguuge; akkasiin mootichi duʼe. Ergasii Hazaaʼeel iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 8:16 Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa shanaffaatti Yooraam ilmi Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu jalqabe.
2KI 8:17 Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche.
2KI 8:18 Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
2KI 8:19 Taʼus Waaqayyo sababii garbicha isaa Daawitiif jedhee Yihuudaa balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni Daawitii fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
2KI 8:20 Bara Yooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate.
2KI 8:21 Kanaafuu Yooraam gaariiwwan isaa hunda wajjin Zaaʼiiri dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe; loltoonni isaa garuu gara biyya isaaniitti baqatan.
2KI 8:22 Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis yeruma sanatti fincile.
2KI 8:23 Wantoonni bara mootummaa Yooraam keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 8:24 Yooraam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti ni awwaalame. Ahaaziyaan ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 8:25 Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa kudha lammaffaatti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe.
2KI 8:26 Ahaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii mooticha Israaʼel sanaa turte.
2KI 8:27 Innis karaa mana Ahaab duukaa buʼee, akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni karaa fuudhaatiin maatii Ahaabitti firoomee tureetii.
2KI 8:28 Ahaaziyaanis Yooraam ilma Ahaab wajjin Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf Raamoot Giliʼaaditti duule. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
2KI 8:29 kanaafuu Yehooraam mootichi madaa warri Arraam yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.
2KI 9:1 Elsaaʼi raajichi ilmaan raajotaa keessaa nama tokko waamee akkana jedheen; “Mudhii kee hidhadhuutii bilqaaxxii zayitii kana fuudhii Raamooti Giliʼaad dhaqi.
2KI 9:2 Yeroo achi geessutti Yehuu ilma Yehooshaafaax ilma Nimshii sana barbaadi. Gara isaa dhaqiitii miiltota isaa biraa isa fuudhiitii diinqatti isa galchi.
2KI 9:3 Ergasii bilqaaxxii sana fuudhii zayitii sana mataa isaatti naqiitii, ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.’ Ergasii balbala banadhuutii fiigi malee hin turin!”
2KI 9:4 Kanaafuu raajichi dargaggeessi sun kaʼee Raamooti Giliʼaad dhaqe.
2KI 9:5 Yommuu achi gaʼettis ajajjoota loltootaa kanneen walitti qabamanii tataaʼan arge. Innis, “Yaa ajajaa, ani ergaa siif qaba” jedhe. Yehuun immoo, “Nu keessaa, ati eenyuuf ergaa qabda?” jedhee gaafate. Innis, “Yaa ajajaa, siʼiif” jedhee deebise.
2KI 9:6 Yehuun kaʼee mana ol seene. Raajichi sun mataa Yehuutti zayitii naqee akkana jedheen; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti mootii godhee sin diba.
2KI 9:7 Ati mana gooftaa keetii mana Ahaab balleessuu qabda; anis dhiiga garboota koo raajotaatii fi dhiiga garboota Waaqayyoo kanneen Iizaabel dhangalaafte hunda haaloo nan baasa.
2KI 9:8 Manni Ahaab guutumaan guutuutti ni bada. Ani dhiira maatii Ahaab kanneen Israaʼel keessatti hafan hunda garbas taʼu birmaduu nan balleessa.
2KI 9:9 Ani mana Ahaab akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaatii fi akkuma mana Baʼishaan ilma Ahiiyaa sanaa nan godha.
2KI 9:10 Iizaabelin immoo sarootatu biyya Yizriʼeel keessatti nyaata; namni tokko iyyuu ishee hin awwaalu.’ ” Innis ergasii balbala banatee fiige.
2KI 9:11 Yehuun gara ajajjuuwwan isa wajjin turan sanaatti gad baanaan isaan keessaa namni tokko, “Wanni hundi nagumaa? Namichi maraatuun kun maaliif si bira dhufe?” jedhee isa gaafate. Yehuunis, “Ati namichaa fi waan inni dubbate ni beekta” jedhee deebiseef.
2KI 9:12 Isaanis, “Kun dhugaa miti! Nutti himi” jedhaniin. Yehuun, “Wanni inni natti hime kanaa dha; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera’ ” jedhee deebiseef.
2KI 9:13 Isaan dafanii wayyaa isaanii of irraa fuudhanii gulantaawwan duwwaa irra isa jala afan. Ergasii immoo malakata afuufanii, “Yehuun mootii dha!” jedhan.
2KI 9:14 Kanaafuu Yehuun ilmi Yehooshaafaax ilmi Nimshii Yooraamitti malate. Yeroo sanatti Yooraamii fi Israaʼel hundi Raamooti Giliʼaad irraa Hazaaʼeel mooticha Sooriyaa eegaa turan;
2KI 9:15 Yehooraam mootichi garuu madaa warri Arraam yeroo inni Hazaaʼeel mooticha Arraamiitiin wal loletti isa madeessan sanaaf walʼaansa argachuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼee ture. Yehuun, “Yoo yaadni kee kana taʼe, akka namni tokko iyyuu magaalaa keessaa gad baʼee dhaqee oduu kana Yizriʼeel keessatti odeessu hin eeyyamin” jedhe.
2KI 9:16 Innis ergasii gaarii isaa seenee sababii Yooraam achitti boqochaa jiruu fi sababii Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa isa arguuf gad buʼeef Yizriʼeelitti qajeele.
2KI 9:17 Eegduun gamoo eegumsaa kan Yizriʼeel keessaa irra dhaabachaa ture sun yommuu loltoota Yehuu kanneen dhufaa jiran argetti, “Ani loltoota dhufaa jiran tokkon arga” jedhee iyye. Yehooraamis, “Abbaa fardaa tokko waamiitii akka inni isaanitti gad baʼee, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedhee isaan gaafatuuf itti ergi” jedhee ajaje.
2KI 9:18 Abbaan fardaa sunis Yehuu arguuf gulufee dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise. Eegduun sunis, “Ergamaan isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine” jedhee hime.
2KI 9:19 Kanaafuu mootichi abbaa fardaa lammaffaa erge. Innis gara isaanii dhaqee, “Mootichi, ‘Isin naguma dhuftanii?’ jedha” jedheen. Yehuun immoo, “Ati nagaa irraa maal qabda? Garagaliitii na duukaa buʼi” jedhee deebise.
2KI 9:20 Eegduun sunis, “Inni isaan bira gaʼeera; garuu as hin deebine. Oofichi isaa akkuma ooficha Yehuu ilma Nimshii sanaa ti; inni akkuma nama maraate tokkootti oofaatii” jedhee hime.
2KI 9:21 Kana irrati Yehooraam, “Gaarii koo naa qopheessaa” jedhee ajaje. Erga gaariin qopheeffamee booddee Yehooraam mootichi Israaʼelii fi Ahaaziyaan mootichi Yihuudaa, tokkoon tokkoon isaanii gaarii isaanii yaabbatanii Yehuu simachuu dhaqan. Isaanis lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti isa argatan.
2KI 9:22 Yehooraam yommuu Yehuu argetti, “Iyyuu, ati naguma dhuftee?” jedhee gaafate. Yehuun immoo, “Hamma sagaagalummaa fi falfalli haadha kee Iizaabel biyya guutee jirutti nagaa maaltu jiraachuu dandaʼa?” jedhee deebise.
2KI 9:23 Yehooraam of irra garagalee Ahaaziyaadhaan, “Yaa Ahaaziyaa, wanni kun maltummaa dha!” jedhee baqate.
2KI 9:24 Yehuun xiyya isaa darbatee gatiittii Yehooraam gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa fullaʼe; innis gaarii isaa keessatti kufe.
2KI 9:25 Yehuunis ajajaa gaarii isaa Bidqaariin akkana jedhe; “Isa fuudhiitii lafa qotiisaa Naabot namicha Yizriʼeel sanaa keessatti gati. Akka Waaqayyo gaafa anii fi ati gaariidhaan Ahaab abbaa isaa duubaan gulufaa turre sana akkana jedhee waaʼee isaa raajii dubbate yaadadhu:
2KI 9:26 ‘Ani kaleessa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa argeera, jedha Waaqayyo; ani dhugumaan akka ati gatii dhiiga sanaa lafa qotiisaa sana irratti baaftu nan godha’ jedha Waaqayyo. Egaa amma isa fuudhiitii akkuma dubbii Waaqayyootti lafa qotiisaa sana keessatti isa gati.”
2KI 9:27 Ahaaziyaa mootichi Yihuudaa yommuu waan kana argetti karaa Beet Hagaanitti geessuun baqate. Yehuun, “Isas ajjeesaa!” jedhee iyyaa isa ariʼe. Isaanis karaa Guuritti geessu irratti Yibleʼaam biratti isa madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti duʼe.
2KI 9:28 Tajaajiltoonni isaa gaariidhaan Yerusaalemitti isa geessanii awwaala isaa kan Magaalaa Daawit keessaatti abbootii isaa biratti isa awwaalan.
2KI 9:29 Bara Yooraam ilma Ahaab keessa waggaa kudha tokkoffaatti Ahaaziyaan mootii Yihuudaa taʼe.
2KI 9:30 Ergasii Yehuun kaʼee Yizriʼeel dhaqe. Iizaabel yommuu waan kana dhageessetti ija ishee kuulattee mataa dhaʼattee foddaa keessaan ala ilaalte.
2KI 9:31 Akkuma Yehuun karraan ol seeneen Iizaabel, “Zimrii, ati namichi gooftaa kee ajjeefte naguma dhuftee?” jetteen.
2KI 9:32 Innis foddaa sana keessaan ol ilaalee, “Eenyutu na bira jira? Eenyuu dha?” jedhe. Xuʼaashiiwwan lama yookaan sadii taʼan gara isaa gad ilaalan.
2KI 9:33 Yehuun, “Ishee gad darbadhaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad ishee darbatan; akkasiin dhiigni ishee keenyan manaatii fi fardeen kotteedhaan ishee irra yaaʼan sanatti faffacaʼe.
2KI 9:34 Yehuun ol seenee waa nyaatee dhuge. Innis, “Dubartii abaaramtuu kana fuudhaatii awwaalaa; isheen intala mootii turteetii” jedhe.
2KI 9:35 Isaan garuu yeroo ishee awwaaluuf gad baʼanitti buqqee mataa ishee, harkaa fi miilla ishee malee waan tokko illee hin argine.
2KI 9:36 Isaanis deebiʼanii Yehuutti himan; innis akkana jedhe; “Kun dubbii Waaqayyo karaa garbicha isaa Eeliyaas namicha Tishbii sanaatiin akkana jedhee dubbatee dha: Lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti saroonni foon Iizaabel ni nyaatu.
2KI 9:37 Reeffi Iizaabelis akka namni tokko iyyuu, ‘Kun Iizaabel’ jechuu hin dandeenyeef lafa qotiisaa Yizriʼeel keessaa tokko irratti akkuma kosii taʼa.”
2KI 10:1 Yeroo sanatti Ahaab ilmaan torbaatama Samaariyaa keessaa qaba ture. Kanaafuu Yehuun xalayoota barreessee qondaaltota Yizriʼeelitti, maanguddootattii fi guddiftoota ilmaan Ahaabitti gara Samaariyaatti erge. Inni akkana jedhe;
2KI 10:2 “Akkuma xalayaan kun isin gaʼeen, waan ilmaan gooftaa keessanii isin bira jiranii fi waan isinis gaariiwwanii fi fardeen, magaalaa jabeeffamee ijaaramee fi miʼa lolaa qabdaniif,
2KI 10:3 ilmaan gooftaa keessanii keessaa kan warra kaan caaluu fi kan ni mala jettanii yaaddan filadhaatii teessoo abbaa isaa irra teessisaa. Ergasiis mana abbaa keessaniitiif lolaa.”
2KI 10:4 Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Yoo mootonni lama isa hin dandaʼin nu akkamiin isa dandeenya?” waliin jedhan.
2KI 10:5 Kanaafuu bulchaan masaraa mootummaatii fi shuumiin magaalattii, maanguddoonnii fi guddiftoonni, “Nu garboota kee ti; waan ati jettu hunda ni hojjenna. Nu nama tokko illee mootii goonee hin filannu; ati mataan kee waanuma jaallatte godhi” jedhanii ergaa kana Yehuutti ergan.
2KI 10:6 Yehuun immoo, “Isin yoo garee koo taatanii fi yoo naa ajajamtan, mataa ilmaan gooftaa keessanii kukkutaatii bori yeroo kanatti Yizriʼeelitti naa fidaa” jedhee xalayaa lammaffaa barreesse. Yeroo kanatti ilmaan mootii torbaatamanuu namoota magaalaa sanaa bebeekamoo kanneen isaan guddisan bira turan.
2KI 10:7 Yommuu xalayaan sun isaan gaʼetti namoonni kunneen ilmaan mootii torbaatamman sana hundumaa ni gogorraʼan. Mataa isaaniis guubootti naqanii gara Yizriʼeelitti Yehuudhaaf ni ergan.
2KI 10:8 Ergamtichi yommuu deebiʼetti, “Isaan mataa ilmaan mootii fidaniiru” jedhee Yehuutti hime. Yehuun immoo, “Mee balbala ittiin magaalattii seenan duratti iddoo lamatti tuulaatii hamma lafti bariitutti tursaa” jedhee ajaje.
2KI 10:9 Yehuun guyyaa itti aanu ganamaan kaʼee gad baʼe. Fuula namoota hundaa dura dhaabatees akkana jedhe; “Isin yakka hin qabdan. Namni gooftaa kootti malatee isa ajjeese anuma; garuu warra kana hunda eenyutu fixe?
2KI 10:10 Kanaafuu akka dubbiin Waaqayyo mana Ahaab irratti dubbate tokko iyyuu lafa hin buune beekaa. Waaqayyo waan karaa garbicha isaa Eeliyaasiin dubbate sana guuteera.”
2KI 10:11 Yehuunis akkasiin nama mana Ahaab keessaa Yizriʼeel keessatti hafe kam iyyuu, namoota isaa gurguddaa, michoota isaa kanneen itti dhiʼaatanii fi luboota isaa, utuu nama tokko illee hin hambisin hunda isaanii fixe.
2KI 10:12 Yehuun ergasii kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis yommuu Beet Eekad gaʼetti,
2KI 10:13 firoota Ahaaziyaa mootii Yihuudaa keessaa namoota tokko tokko argee, “Isin eenyu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Nu firoota Ahaaziyaa; nu maatii mootichaatii fi ilmaan haadha mootichaa dubbisuu dhufne” jedhanii deebisan.
2KI 10:14 Innis, “Utuma lubbuudhaan jiranuu isaan qabaa!” jedhee ajaje. Kanaafuu utuma isaan lubbuun jiranuu qabanii boolla bishaanii Beet Eekad biratti afurtamii lamaan isaanii gogorraʼan. Inni isaan keessaa nama tokko illee hin hambifne.
2KI 10:15 Erga achii deemee immoo Yehoonaadaab ilma Rekaab utuu inni gara isaa dhufuutti jiruu arge. Yehuunis isa dubbisee, “Akkuma ani gara kee jiru ati gara koo jirta moo?” jedhee isa gaafate. Yehoonaadaabis, “Ani gara kee jira” jedhee deebise. Yehuunis, “Yoo akkas taʼe harka kee natti kenni” jedheen. Innis harka isaa itti kenne. Yehuunis isa gargaaree gaariitti ol isa baase.
2KI 10:16 Yehuun, “Na wajjin kottuutii hinaaffaa ani Waaqayyoof qabu ilaali” jedheen. Ergasiis gaarii isaatiin isa fudhatee deeme.
2KI 10:17 Yehuun yommuu Samaariyaa gaʼetti maatii Ahaab keessaa kanneen achitti hafan hunda fixe; innis akkuma dubbii Waaqayyo Eeliyaasitti dubbate sanaatti isaan balleesse.
2KI 10:18 Ergasii Yehuun saba hunda walitti waamee akkana jedheen; “Ahaab xinnuma Baʼaalin tajaajile. Yehuun garuu guddisee isa tajaajila.
2KI 10:19 Kanaafuu amma raajota Baʼaal hunda, tajaajiltoota isaa hundaa fi luboota isaa hunda walitti waamaa. Waan ani qalma guddaa isaa Baʼaaliif dhiʼeessuuf tokkoon isaanii iyyuu hin hafin. Namni hafu kam iyyuu siʼachi lubbuudhaan hin jiraatu.” Yehuun garuu tajaajiltoota Baʼaal barbadeesuudhaaf sobee akkas jedhe.
2KI 10:20 Yehuun, “Ulfina Baʼaaliif jedhaatii yaaʼii waamaa” jedhe. Kanaafuu isaan ni labsan.
2KI 10:21 Kana irratti inni Israaʼel guutuu keessa ergaa ergee akkasiin tajaajiltoonni Baʼaal hundinuu ni dhufan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne. Isaanis mana waaqeffannaa Baʼaalitti ol galan; manni sunis gama tokkoo hamma gama kaaniitti guutame.
2KI 10:22 Yehuunis namicha uffata eeguun, “Tajaajiltoota Baʼaal hundaaf uffata fidi” jedhe. Kanaafuu namichi sun wayyaa fideef.
2KI 10:23 Yehuu fi Yehoonaadaab ilmi Rekaab sun mana waaqeffannaa Baʼaal ol seenan. Yehuunis tajaajiltoota Baʼaaliin, “Mee asii fi achi ilaalaatii akka tajaajiltoota Baʼaal malee tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko iyyuu isin wajjin as hin jirre hubadhaa” jedhe.
2KI 10:24 Kanaafuu isaan qalmaa fi aarsaa gubamu dhiʼeessuuf ol galan. Yehuun yeroo sanatti nama saddeettama ala dhaabee, “Namni warra ani harka keessanitti kennu kanneen keessaa akka tokko iyyuu miliqu godhu kam iyyuu qooda lubbuu namicha sanaa lubbuu isaa dhaba” jedhee akeekkachiisee ture.
2KI 10:25 Yehuun akkuma aarsaa gubamu sana dhiʼeessee raawwateen, “Ol seenaatii isaan fixaa; akka namni tokko iyyuu miliqu hin godhinaa” jedhee eegdotaa fi ajajjoota sana ajaje. Kanaafuu isaan goraadeedhaan warra sana cicciran. Eegdotaa fi ajajjoonni sun reeffa isaanii alatti gad dadarbatanii kutaa mana waaqeffannaa Baʼaal kan gara keessaatti ol galan.
2KI 10:26 Isaanis mana Baʼaal keessaa fakkiiwwan gad baasanii guban.
2KI 10:27 Isaan fakkii Baʼaal caccabsanii mana Baʼaalis diigan. Namoonnis hamma guyyaa harʼaatti lafa itti bobbaa baʼan godhatanii itti fayyadamu.
2KI 10:28 Akkasiin Yehuun Israaʼel keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleesse.
2KI 10:29 Taʼus inni iyyuu cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; cubbuun kunis fakkii jabbii warqee irraa hojjetamee Beetʼeelii fi Daanitti waaqeffachuu isaanii ti.
2KI 10:30 Waaqayyos Yehuudhaan akkana jedhe; “Sababii ati waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe fiixaan baasuu keessatti waan gaarii hojjettee fi waan ani mana Ahaab irratti hojjechuuf garaadhaa qabu hunda hojjetteef sanyiiwwan kee hamma dhaloota afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu.”
2KI 10:31 Taʼus Yehuun seera Waaqayyo Waaqa Israaʼel garaa guutuudhaan eeguuf of eeggannoo hin goone. Inni cubbuu Yerobiʼaam kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
2KI 10:32 Bara sana keessa Waaqayyo lafa Israaʼel irraa kukkutee xinneessuu jalqabe. Hazaaʼeelis guutummaa bulchiinsa isaanii keessatti Israaʼeloota moʼate;
2KI 10:33 kunis gama baʼa Yordaanosiin biyya Giliʼaad hunda jechuunis biyya Gaad, biyya Ruubeenii fi biyya Minaasee kan Aroʼeer laga Arnoon biratti argamtu sanaa jalqabee Giliʼaadii hamma Baashaaniitti jiruu dha.
2KI 10:34 Wantoonni bara mootummaa Yehuu keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 10:35 Yehuun abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yehooʼaahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 10:36 Yehuun Samaariyaa keessa taaʼee waggaa digdamii saddeet Israaʼelin bulche.
2KI 11:1 Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mootii guutumaan guutuutti balleessite.
2KI 11:2 Yehooshebaati intalli Yooraam mootichaa obboleettiin Ahaaziyaa sun garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhatte. Isheenis Ataaliyaa jalaa isa dhoksuuf jettee isaa fi guddiftuu isaa kutaa hirribaa keessa teessifte. Kanaafuu inni hin ajjeefamne.
2KI 11:3 Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda guddiftuu isaa wajjin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.
2KI 11:4 Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti ajajjuuwwan dhibbaa, namoota Kaariittii fi eegdotatti nama ergee akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyootii gara isaa dhufan godhe. Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti isaan wajjin kakuu seene. Ergasiis ilma mootii isaanitti argisiise.
2KI 11:5 Akkana jedhees isaan ajaje; “Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin warri garee sadii keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaatan harka sadii keessaa harki tokko mana mootii,
2KI 11:6 harka sadii keessaa harkii tokko Karra Suur, harka sadii keessaa harkii tokko immoo karra eegdota dabaree dabareedhaan mana qulqullummaa eegan dugda duubaan jiru haa eegu;
2KI 11:7 isin warri garee lamaan kaan keessa jirtan kanneen guyyaa Sanbataatiin hojii irraa boqottan hundinuu immoo mana qulqullummaa mootiidhaaf eeguu qabdu.
2KI 11:8 Tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa harkatti qabadhaatii mootichatti naannaʼaa dhadhaabadhaa. Namni naannoo isin jirtanitti dhiʼaatu kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.”
2KI 11:9 Ajajjuuwwan dhibbaa sunis akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan fudhatanii Yehooyaadaa lubicha bira dhufan.
2KI 11:10 Innis eeboowwanii fi gaachanawwan Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa turan ajajjoota sanaaf ni kenne.
2KI 11:11 Eegdonni sunis, tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibbaatii fi karaa kaaba mana qulqullummaatiin iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii ni dhadhaabatan.
2KI 11:12 Yehooyaadaanis ilma mootichaa fidee mataa isaa irra gonfoo kaaʼe; inni garagalcha kakuu itti kennee, “Inni mootii dha” jedhee labse. Isaanis isa diban; harka dhaʼaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii iyyan.
2KI 11:13 Ataaliyaan yommuu waca eegdotaatii fi namootaa dhageessetti gara namoota sanaa mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqxe.
2KI 11:14 Yeroo isheen ilaaltetti mootichi akkuma baratame sanatti utubaa bira dhaabatee ture. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
2KI 11:15 Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman ajaje. Lubichi, “Isheen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ajjeefamuu hin qabdu” jedhee tureetii.
2KI 11:16 Kanaafuu isaan akkuma isheen balbala fardeen ittiin masaraa mootii seenan geesseen ishee qabanii achumatti ishee ni ajjeesan.
2KI 11:17 Ergasiis Yehooyaadaan akka isaan saba Waaqayyoo taʼaniif jedhee Waaqayyoo fi mootii fi saba gidduutti kakuu dhaabe. Akkasumas mootichaa fi saba gidduutti kakuu ni dhaabe.
2KI 11:18 Sabni biyyattii hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii hurreessanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan. Ergasii Yehooyaadaan lubichi mana qulqullummaa Waaqayyotti eegdota ni ramade.
2KI 11:19 Innis ajajjuuwwan dhibbaa, warra Kaarii, eegdotaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee isaan wajjinis mana qulqullummaa Waaqayyootii mooticha gad baasanii fidanii karaa karra eegdotaatiin masaraa mootummaa seenan. Mootichis teessoo mootii irra taaʼe.
2KI 11:20 Saboonni biyyattii hundi ni ililchan. Sababii Ataaliyaan masaraa mootummaa keessatti goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte.
2KI 11:21 Yooʼaash yeroo mootii taʼee bulchuu jalqabetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture.
2KI 12:1 Bara mootummaa Yehuu keessa waggaa torbaffaatti Yooʼaash mootii taʼe; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama bulche. Maqaan haadha isaa Saabiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte.
2KI 12:2 Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjechaa ture.
2KI 12:3 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
2KI 12:4 Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa.
2KI 12:5 Tokkoon tokkoon lubaa qabduu horii irraa maallaqa haa fuudhu; maallaqni kunis waan mana qulqullummaa keessaa caccabe kam iyyuu deebisanii haaromsuudhaaf hojii irra haa oolu.”
2KI 12:6 Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture.
2KI 12:7 Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.”
2KI 12:8 Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan.
2KI 12:9 Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuun karaa mirgaatiin iddoo aarsaa bira kaaʼe. Luboonni balbala sana eeganis maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootiif fidamu hunda sanduuqa sana keessa buusu ture.
2KI 12:10 Yommuu sanduuqni sun guututtis barreessaan mootiitii fi lubni ol aanaan dhufanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana lakkaaʼanii korojootti naqan.
2KI 12:11 Erga baayʼinni maallaqa sanaa beekamee booddee isaan warra hojii mana qulqullummaa sana toʼachuuf filatamanitti kennan. Jarris namoota hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo irratti bobbaʼan jechuunis warra muka soofanii fi warra mana ijaaraniif,
2KI 12:12 warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa cabsaniif kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf jedhanii mukaa fi dhagaa soofame bitanii baasii ittiin mana qulqullummaa haaromsan hunda baasan.
2KI 12:13 Maallaqni mana qulqullummaatti fidame sun miʼa meetii irraa hojjetame kan akka caabii, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitii ittiin waa faffacaasan, malakata yookaan miʼa warqee yookaan meetii irraa mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetaman biraa kamiin iyyuu tolchuuf hojii irra hin oolle;
2KI 12:14 maallaqni sunis namoota mana qulqullummaa sana haaromsaniif baafame.
2KI 12:15 Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne.
2KI 12:16 Maallaqni aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuutiif galfame tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyootti hin fidamne; kun qooda lubootaatii.
2KI 12:17 Yeruma kana keessa Hazaaʼeel mootiin Sooriyaa Gaatitti ol baʼee lolee ishee qabate. Ergasii immoo Yerusaaleminis loluuf itti gara gale.
2KI 12:18 Yooʼaash mootichi Yihuudaa garuu miʼoota abbootiin isaa mootonni Yihuudaa Yehooshaafaax, Yehooraamii fi Ahaaziyaan Waaqaaf addaan baasanii fi kan inni mataan isaa Waaqaaf addaan baase, warqee kuusaa qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa hunda walitti qabee Hazaaʼeel mooticha Sooriyaatiif kenne; Hazaaʼeelis ergasii Yerusaalemii baʼee deeme.
2KI 12:19 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 12:20 Qondaaltonni isaa isatti malatanii karaa Siilaatti gad buʼu irratti Beet Miilootti isa ajjeesan.
2KI 12:21 Qondaaltonni isa ajjeesanis Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehoozaabaad ilma Shoomeer turan. Innis duʼee abbootii isaa biratti Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 13:1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti Yehooʼaahaaz ilmi Yehuu Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha torba bulche.
2KI 13:2 Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; cubbuu sana irraas hin deebine.
2KI 13:3 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Waaqaa Israaʼelitti ni bobaʼe; innis yeroo dheeraadhaaf dabarsee harka Hazaaʼeel mooticha Sooriyaattii fi harka ilma isaa Ben-Hadaadiitti isaan kenne.
2KI 13:4 Yehooʼaahaaz fuula Waaqayyoo barbaaddate; Waaqayyos akka mootiin Sooriyaa sun akka malee Israaʼelin cunqurse argee kadhaa isaa dhagaʼeef.
2KI 13:5 Waaqayyos nama isaan baraaru tokko Israaʼeliif kenne; akkasiin isaan harka warra Sooriyaa jalaa ni baʼan. Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma duraatti dunkaana isaanii keessa jiraatan.
2KI 13:6 Isaan garuu cubbuu mana Yerobiʼaam kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; ittuma fufanii keessa jiraatan. Siidaan Aasheeraas Samaariyaa keessa dhaabatee hafe.
2KI 13:7 Loltoota Yehooʼaahaaz keessaa loltoota fardaa shantama, gaariiwwan kudhanii fi loltoota lafoo kuma kudhan malee tokko iyyuu hin hafne; mootiin Sooriyaa warra kaan hunda balleessee akkuma awwaara yeroo midhaan dhaʼanii isaan godhee tureetii.
2KI 13:8 Wanni bara mootummaa Yehooʼaahaaz keessa hojjetame biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
2KI 13:9 Yehooʼaahaaz abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Yooʼaash ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 13:10 Bara Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii torbaffaatti Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha jaʼa isaan bulche.
2KI 13:11 Inni fuula Waaqayyoo duratti cubbuu hojjetee cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana keessaa tokko irraa iyyuu hin deebine; innis ittuma fufee cubbuu keessa jiraate.
2KI 13:12 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa, waraanni inni Amasiyaa mooticha Yihuudaa irratti deemsises kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 13:13 Yooʼaash abbootii isaa wajjin boqotee Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee teessoo irra taaʼe. Yooʼaash Samaariyaa keessatti mootota Israaʼel biratti ni awwaalame.
2KI 13:14 Yeroo kanatti Elsaaʼi dhukkuba duʼaan isa gaʼuun dhiphachaa ture. Yooʼaash mootichi Israaʼel isa ilaaluu gad buʼee isatti booʼe. Innis, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Yaa gaariiwwanii fi yaa abbootii fardaa Israaʼel!” jedhee iyye.
2KI 13:15 Elsaaʼi, “Iddaa fi xiyya wayii fudhadhu” jedheen; innis ni fudhate.
2KI 13:16 Elsaaʼi immoo mooticha Israaʼeliin, “Iddaa harkatti qabadhu” jedhe; inni fuunaan Elsaaʼi harka ofii isaa fuudhee harka mootichaa irra kaaʼe.
2KI 13:17 Elsaaʼi, “Foddaa karaa baʼa biiftuu bani” jedheen; innis ni bane. Elsaaʼi, “Xiyya darbadhu!” jedhe; mootichis ni darbate. Elsaaʼis, “Xiyya moʼannoo Waaqayyoo, xiyya warra Sooriyaa moʼatu!” jedhe. Elsaaʼis, “Ati Afeeqitti warra Sooriyaa guutumaan guutuutti ni barbadeessita” jedhee labse.
2KI 13:18 Innis ergasii, “Xiyya fudhadhu” jedheen; mootichis ni fudhate. Elsaaʼis “Lafa rukuti” jedheen; mootichis yeroo sadii lafa rukute.
2KI 13:19 Namni Waaqaa sunis isatti aaree akkana jedhe; “Ati yeroo shan yookaan jaʼa lafa rukutuu qabda; silaa warra Sooriyaa moʼattee guutumaan guutuutti isaan balleessita turte. Amma garuu yeroo sadii qofa isaan moʼatta.”
2KI 13:20 Elsaaʼi duʼee awwaalame. Yeroo sana Moʼaabonni saamtonni birraa birraa dhufanii biyyattii saamu ture.
2KI 13:21 Gaaf tokko warri Israaʼel utuu namicha duʼe tokko awwaaluutti jiranuu garee saamtotaa tokko argan; kanaafuu reeffa namichaa awwaala Elsaaʼitti darbatan. Reeffi sun lafee Elsaaʼi tuqnaan namichi sun duʼaa kaʼee miiluma ofii isaatiin dhaabate.
2KI 13:22 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa bara mootummaa Yehooʼaahaaz guutuu Israaʼelin cunqurse.
2KI 13:23 Waaqayyo garuu sababii kakuu Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin galee ture sanaatiif jedhee isaanii arjoome; garaas isaaniif laafee fuula isaa gara isaaniitti deebifate. Hamma harʼaattis fuula ofii isaa duraa isaan barbadeessuu yookaan gatuu hin feene.
2KI 13:24 Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa duʼee Ben-Hadaad ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 13:25 Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz magaalaawwan inni waraana keessatti abbaa isaa Yehooʼaahaaz irraa fudhatee ture hunda Ben-Hadaad ilma Hazaaʼeel irraa deebisee fudhate. Yahooʼasis yeroo sadii isa moʼatee akkasiin magaalaawwan Israaʼel deebise.
2KI 14:1 Bara mootummaa Yooʼaash ilma Yooʼaahaaz mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Amasiyaa ilmi Iyooʼas mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe.
2KI 14:2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
2KI 14:3 Innis waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe ni hojjete. Garuu akka abbaa isaa Daawititti miti. Inni waan hunda keessatti fakkeenya abbaa isaa Yooʼaash duukaa buʼe.
2KI 14:4 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
2KI 14:5 Inni erga jabeessee harka isaatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe.
2KI 14:6 Taʼus inni akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame kan Waaqayyo, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti ilmaan warra nama ajjeesan sanaa hin fixne.
2KI 14:7 Namni Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudhan moʼatee waraanaan Seelaa qabate kan maqaa isheen hamma harʼaatti ittiin waamamtu, Yoqtiʼeel jedhee moggaases isuma.
2KI 14:8 Amasiyaanis, “Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa” jedhee qoosee gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ergamoota erge.
2KI 14:9 Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; “Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme.
2KI 14:10 Ati dhugumaan Edoomin moʼattee amma of tuulaa jirta. Moʼannoo keetiin gammadi; amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?”
2KI 14:11 Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan.
2KI 14:12 Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate.
2KI 14:13 Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalem dhaqee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture.
2KI 14:14 Innis warqee fi meetii hunda akkasumas miʼa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argamuu fi kan kuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessaa jiru hunda fudhate; namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe.
2KI 14:15 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa, waraana inni Amasiyaa mooticha Yihuudaatiin loles dabalatee kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 14:16 Yooʼaashis abbootii isaa wajjin boqotee mootota Israaʼel biratti Samaariyaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 14:17 Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate.
2KI 14:18 Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 14:19 Isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan.
2KI 14:20 Reeffi isaas fardatti feʼamee dhufee abbootii isaa biratti Yerusaalem keessatti Magaalaa Daawititti awwaalame.
2KI 14:21 Ergasii warri Yihuudaa hundinuu Azaariyaa mucaa waggaa kudha jaʼaa fuudhanii iddoo abbaa Amasiyaa sana mootii godhatan.
2KI 14:22 Namni erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee Eelaatin deebisee ijaaree warra Yihuudaatti kenne isa.
2KI 14:23 Bara Amasiyaa ilma Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha shanaffaatti Yerobiʼaam ilmi Iyooʼas mooticha Israaʼel Samaariyaa keessatti mootii taʼe; innis waggaa afurtamii tokko bulche.
2KI 14:24 Inni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraas hin deebine.
2KI 14:25 Namni akkuma dubbii Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan inni karaa garbicha isaa Yoonaas ilma Amitaayi, raajicha Gat Heeferii dhufee sanaatiin dubbateetti daarii biyya Israaʼel Leeboo Hamaatii jalqabee hamma Galaana Arabbaatti iddootti deebise isa ture.
2KI 14:26 Waaqayyo akka tokkoon tokkoon nama Israaʼel keessa jiraatuu, garbas taʼu birmaduun akka malee rakkachaa jiru arge; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin turre.
2KI 14:27 Waaqayyos waan maqaa Israaʼel samii jalaa nan balleessa hin jedhiniif harka Yerobiʼaam ilma Yooʼaashiitiin isaan baase.
2KI 14:28 Wantoonni bara mootummaa Yerobiʼaam keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundi, jabinni loltummaa isaa, akka inni itti Damaasqoo fi Hamaati kanneen duraan Yihuudaa jala turan sana Israaʼeliif deebisee dabalatee kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 14:29 Yerobiʼaam abbootii isaa mootota Israaʼel wajjin boqote; ilmi isaa Zakkaariyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 15:1 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdamii torbaffaatti, Azaariyaa ilmi Amasiyaa mooticha Yihuudaa sanaa mootii taʼe.
2KI 15:2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche. Maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
2KI 15:3 Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
2KI 15:4 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.
2KI 15:5 Waaqayyos hamma gaafa inni duʼeetti mooticha lamxiidhaan dhaʼe; innis mana kophaa keessa ni jiraate. Yootaam ilmi mootichaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
2KI 15:6 Wantoonni bara mootummaa Azaariyaa keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 15:7 Azaariyaa abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 15:8 Bara mootummaa Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti Zakkaariyaas ilmi Yerobiʼaam Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa jaʼa bulche.
2KI 15:9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka warri Israaʼel hojjetan godhe sana irraa hin deebine.
2KI 15:10 Shaluum ilmi Yaabeesh sun Zakkaariyaasitti kaʼee fuuluma sabaa duratti isa ajjeesee iddoo isaa qabatee mootii taʼe.
2KI 15:11 Wantoonni bara mootummaa Zakkaariyaas keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 15:12 Akkasiinis dubbiin Waaqayyoo kan inni “Sanyiiwwan kee hamma dhaloota Afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu” jedhee Yehuutti dubbate sun ni raawwatame.
2KI 15:13 Shaluum ilmi Yaabeesh bara mootummaa Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa tokko bulche.
2KI 15:14 Menaaheem ilmi Gaadiis Tiirzaadhaa kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis Shaluum ilma Yaabeesh sana lolee Samaariyaa keessatti ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 15:15 Wantoonni bara mootummaa Shaluum keessa hojjetaman biraatii fi fincilli inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
2KI 15:16 Yeroo sanatti, Menaaheem Tiirzaa kaʼee Tiifsaa fi warra magaalaa sana keessaa fi naannoo ishee jiraatu hunda dhaʼe; kunis sababii isaan karra banuufii didaniif. Innis Tiifsaa saamee dubartoota ulfa qaban hunda garaa baqaqse.
2KI 15:17 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Menaaheem ilmi Gaadii mootii Israaʼel taʼe; innis Samaariyaa keessa jiraatee waggaa kudhan bulche.
2KI 15:18 Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Bara biyya bulchaa ture guutuus cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
2KI 15:19 Ergasiis Phuuli mootichi Asoor biyyattiitti ni duule; Menaaheem immoo akka gargaarsa isaa argate aangoo ofii isaa jalatti mootummaa turfatuuf meetii taalaantii kuma tokko kenneef.
2KI 15:20 Menaaheem maallaqa kana warruma Israaʼel baasise. Akka mootii Asooriif kennamuuf namni sooressi kam iyyuu meetii saqilii shantama baasuu qaba. Kanaafuu mootiin Asoor duubatti deebiʼee malee ergasii biyyattii keessa hin turre.
2KI 15:21 Wanni bara mootummaa Menaaheem keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjete hundis kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
2KI 15:22 Menaaheemis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Pheqaayaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 15:23 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa shantammaffaatti Pheqaayaan ilmi Menaaheem Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
2KI 15:24 Pheqaayaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
2KI 15:25 Ajajjoota isaa ol aantota keessaa Pheqaan ilmi Remaaliyaa isatti malate. Innis namoota Giliʼaad keessaa nama shantama fudhatee fiixee masaraa mootummaa kan Samaariyaa keessaa irratti Pheqaayaa, Argobbii fi Ariyyee ajjeese. Pheqaanis akkasiin Pheqaayaa ajjeesee iddoo isaa mootii taʼe.
2KI 15:26 Wanni bara mootummaa Pheqaayaa keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
2KI 15:27 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa shantamii lammaffaatti, Pheqaan ilmi Remaaliyaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa digdama bulche.
2KI 15:28 Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
2KI 15:29 Bara Pheqaa mooticha Israaʼel keessa Tiiglaat Phileeser mootichi Asoor dhufee Iiyoon, Abeel Beet Maʼaakaa, Yaanoʼaa, Qaadeshii fi Haazoor, Giliʼaadii fi Galiilaa, biyya Niftaalem hundas walumatti qabatee namootas guuree Asooritti geesse.
2KI 15:30 Ergasiis Hoosheeʼaa ilmi Eelaa, Pheqaa ilma Remaaliyaatti malate. Innis lolee isa ajjeesee bara mootummaa Yootaam ilma Uziyaan keessaa waggaa digdammaffaatti iddoo isaa mootii taʼe.
2KI 15:31 Wanni bara mootummaa Pheqaa keessa hojjetame biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
2KI 15:32 Bara Pheqaa ilma Remaaliyaa mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Yootaam ilmi Uziyaan mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
2KI 15:33 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte.
2KI 15:34 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
2KI 15:35 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture. Namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa ixaanas achitti aarsaa turan. Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare.
2KI 15:36 Wantoonni bara mootummaa Yootaam keessaa hojjetaman kanneen biraatii fi wantoonni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
2KI 15:37 Bara sana keessa Waaqayyo Reziin mooticha Sooriyaatii fi Pheqaa ilma Remaaliyaa Yihuudaatti kakaasuu jalqabe.
2KI 15:38 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit, magaalaa abbaa isaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 16:1 Bara mootummaa Pheqaa ilma Remaaliyaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Aahaaz ilmi Yootaam mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
2KI 16:2 Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo Waaqa isaa duratti waan qajeelaa hin hojjenne.
2KI 16:3 Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan ilma isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
2KI 16:4 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
2KI 16:5 Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemin loluuf ol baʼanii Aahaazin marsan; garuu isa moʼachuu hin dandeenye.
2KI 16:6 Yeroo sanatti Reziin mootichi Sooriyaa namoota Yihuudaa ariʼee baasuudhaan Eelaatin warra Sooriyaatiif deebise. Ergasiis Edoomonni Eelaatitti godaananii hamma harʼaatti achuma jiraatu.
2KI 16:7 Aahaazis akkana jedhee gara Tiiglaat Phileeser mooticha Asooritti nama erge; “Ani garbichaa fi ilma kee ti. Kottuutii harka mootii Sooriyaatii fi harka mootii Israaʼel kanneen natti duulaniitii na baasi.”
2KI 16:8 Kana irratti Aahaaz meetii fi warqee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiruu fi kan mankuusaa qabeenya masaraa mootummaa keessatti argamu baasee kennaa godhee mootii Asooritiif ni erge.
2KI 16:9 Mootiin Asoor sunis kadhaa isaa tole jedhee Damaasqoo lolee qabate. Jiraattota ishees boojiʼee Qiiritti geesse; Reziinin immoo ni ajjeese.
2KI 16:10 Aahaaz mootichi Tiiglaat Phileeser mooticha Asoor arguuf Damaasqoo dhaqe. Innis iddoo aarsaa tokko Damaasqoo keessatti argee fakkeenya isaatii fi karoora ittiin ijaaran hunda barreessee Uuriyaa lubichatti erge.
2KI 16:11 Kanaafuu Uuriyaa lubichi akkuma karoora Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa ergeef sana hundaatti utuu Aahaaz mootichi Damaasqoodhaa hin deebiʼin dura iddoo aarsaa sana ijaaree fixe.
2KI 16:12 Mootichis yommuu Damaasqoodhaa deebiʼee iddoo aarsaa sana argetti itti dhiʼaatee irratti aarsaa dhiʼeesse.
2KI 16:13 Innis aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii dhiʼeessee dhibaayyuu illee dhibaafatee dhiiga aarsaa nagaa kan ofii isaas iddoo aarsaa sana irratti ni facaase.
2KI 16:14 Iddoo aarsaa naasii irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee ture sanas mana qulqullummaa duraa iddoo aarsaa haaraa fi mana qulqullummaa Waaqayyoo gidduudhaa fidee gama kaabaatiin iddoo aarsaa haaraa bira kaaʼe.
2KI 16:15 Ergasii Aahaaz mootichi akkana jedhee Uuriyaa lubicha ajaje; “Iddoo aarsaa guddicha irratti aarsaa gubamu kan ganamaatii fi kennaa midhaanii kan galgalaa, aarsaa mootichaa kan gubamuu fi kennaa midhaanii, aarsaa namoota biyyattii hundaa kan gubamu, kennaa isaanii kan midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessi. Iddoo aarsaa irratti dhiiga aarsaa gubamuutii fi dhiiga qalmaa hunda facaasi. Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame garuu anatu ittiin gorsa gaafata.”
2KI 16:16 Uuriyaan lubichis akkuma Aahaaz mootichi ajaje sana godhe.
2KI 16:17 Aahaaz mootichi baattuuwwan asii fi achi sochoofaman sana irraa marsaawwan buqqisee caabiiwwan dhiqannaa illee irraa baase. Gaanii sana baattuuwwan fakkii jibootaa kanneen naasii irraa hojjetaman irraa fuudhee dhagaa afamaa irra kaaʼe.
2KI 16:18 Innis mootii Asooriif jedhee oobdii guyyaa Sanbataatiif hojjetame iddoo isaatii fuudhee karra alaa kan mootonni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanis ni buqqise.
2KI 16:19 Wanni bara mootummaa Aahaaz keessa hojjetame biraatii fi wanni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
2KI 16:20 Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 17:1 Bara Aahaaz mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha lammaffaatti Hoosheeʼaa ilmi Eelaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa sagal bulche.
2KI 17:2 Innis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; garuu akka mootota Israaʼel kanneen isaan dura turan sanaa miti.
2KI 17:3 Shalmaneseer mootichi Asoor Hoosheeʼaa loluuf ol baʼe; Hooseʼaas garboomeefii gibira baaseef.
2KI 17:4 Mootiin Asoor garuu akka Hoosheeʼaa gantuu taʼe hubate; Hooseʼaa Siigoor mooticha Gibxitti jaarsa araaraa ergatee ergasii akka duraan wagguma waggaan baasaa ture sana mootii Asooriif gibira baasuu dhiise. Kanaafuu Silminaasoor isa qabee mana hidhaa keessa buuse.
2KI 17:5 Ergasiis mootichi Asoor guutummaa biyyattii weerare; Samaariyaattis duulee waggaa sadii marsee ishee qabate.
2KI 17:6 Bara mootummaa Hoosheeʼaa keessa waggaa saglaffaatti mootiin Asoor Samaariyaa qabatee Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geesse. Innis Halaa keessa, Goozaan keessa, cina Laga Haaboorii fi magaalaawwan Midiyaan keessa isaan qubachiise.
2KI 17:7 Wanni kun hundinuu sababii Israaʼeloonni Waaqayyo Waaqa isaanii isa Gibxii humna Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isaan baase sanatti cubbuu hojjetaniif taʼe; isaan waaqota biraa waaqeffatanii
2KI 17:8 waan saboonni Waaqayyo isaan duraa ariʼee baase sun hojjetan duukaa buʼanii barteewwan hamaa mootonni Israaʼel fidanii isaan barsiisan illee fudhatan.
2KI 17:9 Israaʼeloonni dhoksaadhaan waan qajeelaa hin taʼin Waaqayyo Waaqa isaaniitti hojjetan. Isaan magaalaawwan isaanii hunda keessatti gamoo eegumsaatii jalqabanii hamma magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaarratan.
2KI 17:10 Gaarran ol dhedheeroo hunda gubbaattii fi muka lalisaa hunda jalatti fakkiiwwanii fi siidaa Aasheeraa dhaabbatan.
2KI 17:11 Isaan akkuma saboonni Waaqayyo fuula isaanii duraa ariʼee baase godhan sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda irratti ixaana aarsan. Waan hamaa aariidhaaf Waaqayyoon kakaasu illee ni hojjetan.
2KI 17:12 Waaqayyos, “Isin waan kana hin hojjetinaa” jedhu illee isaan waaqota tolfamoo waaqeffatan.
2KI 17:13 Waaqayyo akkana jedhee karaa raajotaatii fi ilaaltota isaa hundaatiin Israaʼelii fi Yihuudaa akeekkachiise; “Karaa keessan hamaa kana irraa deebiʼaa. Akkuma ajajawwan ani abbootii keessan ajaje hundaattii fi akkuma seera ani karaa garboota koo raajotaatiin isiniif erge sanaatti ajajaa fi seera koo eegaa.”
2KI 17:14 Isaan immoo dhaggeeffachuu didanii akkuma abbootii isaanii kanneen Waaqayyo Waaqa isaanii amanuu didan sanaa mataa jabaatan.
2KI 17:15 Isaan seeraa fi kakuu inni abbootii isaanii wajjin gale akkasumas akeekkachiisa inni isaaniif kenne illee fudhachuu didan. Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne duukaa buʼanii isaanis faayidaa dhaban. Isaan utuma Waaqayyo, “Waan jarri hojjetan hin hojjetinaa” jedhee isaan ajajuu saboota ollaa isaanii duukaa buʼanii waan Waaqayyo hojjechuu isaan dhowwe ni hojjetan.
2KI 17:16 Isaan ajaja Waaqayyo Waaqa isaanii hunda dhiisanii waaqota tolfamoo baqfamanii bifa jabbiitiin hojjetaman lamaa fi siidaa Aasheeraa tolfatan. Raayyaawwan samii hundaaf sagadanii Baʼaalin illee waaqeffatan.
2KI 17:17 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan.
2KI 17:18 Kanaafuu Waaqayyo akka malee Israaʼelitti dheekkamee fuula isaa duraa isaan buqqise. Gosa Yihuudaa qofatu hafe;
2KI 17:19 Yihuudaan iyyuu ajaja Waaqayyo Waaqa isaanii hin eegne. Isaanis bartee Israaʼeloonni itti fidan duukaa buʼan;
2KI 17:20 kanaafuu Waaqayyo saba Israaʼel hunda ni gate; inni isaan miidhee hamma fuula isaa duraa isaan dhabamsiisutti dabarsee harka saamtotaatti isaan kenne.
2KI 17:21 Gaafa inni mana Daawit irraa Israaʼel baqaqsetti isaan Yerobiʼaam ilma Nebaat sana mootii godhatan. Yerobiʼaamis akka Israaʼeloonni Waaqayyo irraa garagalanii cubbuu guddaa hojjetan godhe.
2KI 17:22 Israaʼeloonni cubbuu Yerobiʼaam hunda keessa jiraatan malee
2KI 17:23 hamma Waaqayyo akkuma karaa garboota isaa raajotaatiin akeekkachiise sanatti fuula isaa duraa isaan buqqisutti irraa hin deebine. Kanaafuu sabni Israaʼel biyya isaatii boojuudhaan fudhatamee Asooritti geeffame; hamma harʼaattis achuma jiraata.
2KI 17:24 Mootiin Asoor biyya Baabilonii, Kuutaadhaa, Awaadhaa, biyya Hamaatii fi Seefarwaayimii namoota fidee iddoo Israaʼelootaa buusuuf jedhee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiise. Isaanis Samaariyaa fudhatanii magaalaawwan ishee keessa ni jiraatan.
2KI 17:25 Isaan yeroo achi jiraachuu jalqabanitti Waaqayyoon hin waaqeffanne; kanaafuu inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis isaan keessaa namoota muraasa galaafatan.
2KI 17:26 Mooticha Asoorittis akkana jedhanii himan; “Namoonni ati boojitee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiifte sun waan Waaqni biyya sanaa fedhu hin beekan. Inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis sababii namoonni waan Waaqni sun fedhu hin beekiniif isaan fixan.”
2KI 17:27 Kana irratti mootiin Asoor, “Luboota boojitanii Samaariyaadhaa fiddan keessaa tokko akka inni deebiʼee achi jiraatee waan Waaqni biyya sanaa fedhu namoota barsiisuuf achi deebisaa” jedhee ajaja kenne.
2KI 17:28 Kanaafuu luboota Samaariyaadhaa boojiʼaman keessaa tokko Beetʼeel keessa jiraatee akka isaan itti Waaqayyoon waaqeffatan barsiisuu dhufe.
2KI 17:29 Taʼus tokkoon tokkoon gosaa magaalaa keessa jiraatutti waaqota ofii isaa tolfatee iddoowwan sagadaa kanneen warri Samaariyaa gaarran irratti hojjetanii turan sana irra dhaabe.
2KI 17:30 Warri Baabilonii dhufan Waaqa tolfamaa Sukooti Banooti, warri Kuutaadhaa dhufan Waaqa tolfamaa Nergaal, warri Hamaatii dhufan immoo Waaqa tolfamaa Ashiimaa jedhamu ni tolfatan.
2KI 17:31 Awwiimonni waaqota tolfamoo Nibhaazii fi Tartaaq jedhaman tolfatan; Seefarwaayimoonni immoo waaqota tolfamoo Seefarwaayim kanneen Adramelekii fi Anaamelek jedhamaniif ijoollee isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban.
2KI 17:32 Isaan Waaqayyoon waaqeffatan; garuu akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti luboota taʼanii tajaajilaniif ofuma gidduudhaa namoota ni filatan.
2KI 17:33 Isaan Waaqayyoon waaqeffatan; garuu akkuma bartee saboota keessaa fidaman sanaatti waaqota ofii isaanii tajaajilan.
2KI 17:34 Isaan hamma harʼaatti illee ittuma cichanii bartee isaanii kan qaraa sana keessa jiraatu. Isaan Waaqayyoon hin waaqeffatan yookaan labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja Waaqayyo sanyiiwwan Yaaqoob kan Israaʼel jedhee moggaase sanaaf kennes duukaa hin buʼan.
2KI 17:35 Waaqayyo gaafa Israaʼeloota wajjin kakuu galetti akkana jedhee isaan ajaje: “Isin Waaqa biraa tokko illee hin waaqeffatinaa yookaan hin sagadinaafii; isaan hin tajaajilinaa yookaan aarsaa isaaniif hin dhiʼeessinaa.
2KI 17:36 Garuu Waaqayyo isin waaqeffachuu qabdan, isa humna jabaa fi irree diriirfameen Gibxii baasee isin fide sanaa dha. Isin isaaf sagaddanii aarsaa dhiʼeessuufii qabdu.
2KI 17:37 Isin yeroo hunda labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja inni isinii barreesse sana of eeggannaadhaan eeguu qabdu. Waaqota biraa hin waaqeffatinaa.
2KI 17:38 Kakuu ani isin wajjin gale sana hin irraanfatinaa; waaqota biraa hin waaqeffatinaa.
2KI 17:39 Qooda kanaa Waaqayyo Waaqa keessan waaqeffadhaa; kan harka diina keessan hundaa keessaa isin baasu isumaa.”
2KI 17:40 Taʼus isaan ittuma cichanii waanuma qaraa sana hojjetan malee isa hin dhageenye.
2KI 17:41 Yeroo namoonni kunneen Waaqayyoon waaqeffachaa jiranitti illee isaan waaqota tolfamoo isaanii tajaajilaa turan. Hamma guyyaa harʼaatti illee ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii ittuma fufanii akkuma abbootiin isaanii hojjetan sana hojjechaa jiru.
2KI 18:1 Bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa waggaa sadaffaatti Hisqiyaas ilmi Aahaaz mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
2KI 18:2 Inni Yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas.
2KI 18:3 Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete.
2KI 18:4 Inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa diige; dhagaawwan waaqeffannaa caccabsee siidaawwan Aasheeraa illee burkuteesse. Sababii Israaʼeloonni hamma bara sanaatti ixaana aarsaafii turaniif inni fakkii bofaa kan Museen naasii irraa hojjete sana illee ni caccabse. Fakkiin bofaa sun Nehushtaan jedhamee waamama ture.
2KI 18:5 Hisqiyaas Waaqayyo Waaqa Israaʼel amanate. Mootota Yihuudaa hunda keessaa namni akka isaa tokko iyyuu isa duraan yookaan isa duubaan hin turre.
2KI 18:6 Inni jabaatee Waaqayyotti hiiqe malee isa duukaa buʼuu hin dhiisne; seera Waaqayyo Museef kenne sanas ni eege.
2KI 18:7 Waaqayyos isa wajjin ture; inni waan hojjete hunda keessatti ni milkaaʼe. Inni mootii Asooritti fincile malee isa hin tajaajille.
2KI 18:8 Inni gamoo eegumsaatii jalqabee hamma magaalaa dallaa jabaa qabuutti, hamma Gaazaattii fi daangaa isheetti Filisxeemota ni moʼate.
2KI 18:9 Waggaa afuraffaa bara Hisqiyaas mootichaa keessa jechuunis waggaa torbaffaa bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa Shalmaneseer mootichi Asoor Samaariyaatti duulee marsee ishee qabate.
2KI 18:10 Dhuma waggaa sadaffaatti Asooronni ishee fudhatan. Akkasiinis Samaariyaan waggaa jaʼaffaa bara mootummaa Hisqiyaas keessa, waggaa saglaffaa bara Hoosheeʼaa mooticha Israaʼel keessa ni fudhatamte.
2KI 18:11 Mootiin Asooris Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geessee Halaa keessa, Goozaan keessa, Laga Haaboor biraa fi magaalaawwan Midiyaan keessa ni qubachiise.
2KI 18:12 Wanni kun sababii isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif ajajamuu didanii kakuu isaa, ajaja Museen garbichi Waaqayyoo isaaniif kenne hunda cabsaniif isaanitti dhufe. Isaan ajaja sana hin dhaggeeffanne yookaan hojii irra hin oolchine.
2KI 18:13 Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti, Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate.
2KI 18:14 Kanaafuu Hisqiyaas mootichi Yihuudaa, “Ani balleessaa hojjedheera. Biyya koo keessaa naa baʼi; ani waan ati na gaafattu kam iyyuu siifin kennaa” jedhee gara Laakkiishitti mooticha Asooritti ergaa ergate. Mootichi Asooris, “Meetii taalaantii dhibba sadii fi warqee taalaantii soddoma naa kenni” jedhee Hisqiyaas mooticha Yihuudaa ni gaafate.
2KI 18:15 Kanaafuu Hisqiyaas meetii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessattii fi kan mankuusaa masaraa mootummaa keessatti argamu hunda guuree kenneef.
2KI 18:16 Yeroo kanatti Hisqiyaas mootichi Yihuudaa warqee balbalaa fi dhaaba balbala mana qulqullummaa Waaqayyootti uffisee ture irraa baasee mootii Asooriif kenne.
2KI 18:17 Ergasii Mootichi Asoor ajajaa waraanaa isaa ol aanaa, ajajaa hangafaa fi ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalemitti Hisqiyaas mootichatti ni erge. Isaanis Yerusaalem dhufanii boʼoo haroo ol aanuu bira karaa lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu irra dhadhaabatan.
2KI 18:18 Isaan mooticha ni waamsifatan; Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan isaanitti gad baʼan.
2KI 18:19 Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: “ ‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte?
2KI 18:20 Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta?
2KI 18:21 Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma.
2KI 18:22 Yoo isin, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jettan, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kan Yerusaalem keessaa kana duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
2KI 18:23 “ ‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna!
2KI 18:24 Ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa?
2KI 18:25 Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee iddoo kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’ ”
2KI 18:26 Kana irratti Eliiyaaqiim ilma Hilqiyaa, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
2KI 18:27 Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
2KI 18:28 Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa!
2KI 18:29 Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni harka kootii isin baasuu hin dandaʼu.
2KI 18:30 Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
2KI 18:31 “Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin walii galtee nagaa dhaabbadhaatii natti gad baʼaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu;
2KI 18:32 kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, gara biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti, gara biyya muka ejersaatii fi dammaatti isin geessutti taʼa. Isin jireenya filadhaa malee duʼa hin filatinaa! “Waan inni, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin dogoggorsuuf Hisqiyaasin hin dhagaʼinaa.
2KI 18:33 Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa?
2KI 18:34 Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim, waaqonni Heenaatii fi Iwaa eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu?
2KI 18:35 Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu harka koo keessaa biyya isaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
2KI 18:36 Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
2KI 18:37 Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.
2KI 19:1 Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene.
2KI 19:2 Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge.
2KI 19:3 Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha; Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti.
2KI 19:4 Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa hunda dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”
2KI 19:5 Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti,
2KI 19:6 Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin.
2KI 19:7 Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’ ”
2KI 19:8 Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.
2KI 19:9 Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Kanaafuu inni akkana jedhee amma illee Hisqiyaasitti ergamoota erge;
2KI 19:10 “Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin.
2KI 19:11 Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree?
2KI 19:12 Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu?
2KI 19:13 Mootiin Hamaati, mootiin Arfaad, mootiin magaalaa Seefarwaayim yookaan mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”
2KI 19:14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse.
2KI 19:15 Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
2KI 19:16 Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana dhaggeeffadhu.
2KI 19:17 “Yaa Waaqayyo mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha.
2KI 19:18 Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii.
2KI 19:19 Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa Waaqayyo, akka ati qofti Waaqa taate beekaniif harka isaatii nu baasi.”
2KI 19:20 Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani kadhaa kee kan ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor kadhatte sana dhagaʼeera.
2KI 19:21 Dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: “ ‘Intalli Xiyoon Durbi Qulqullittiin si tuffattee sitti qoosti. Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti mataa ishee sitti raafti.
2KI 19:22 Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu? Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee of tuulummaadhaan ija ol qabatte? Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
2KI 19:23 Ati karaa ergamoota keetiitiin Gooftaatti qoosteerta. Ati akkanas jetteerta; “Ani gaariiwwan koo hedduudhaan fiixee tulluuwwaniitti, fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera. Ani birbirsawwan isaa kanneen akka malee dhedheeroo, gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera. Ani iddoowwan isaa kanneen akka malee ol fagoo, bosonoota isaa keessaa, mimmiidhagoo qaqqabeera.
2KI 19:24 Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee achitti bishaan dhugeera. Ani faana miilla kootiin lageen biyya Gibxi hunda gogseera.”
2KI 19:25 “ ‘Ati waan kana hin dhageenyee? Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete. Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe; amma immoo hojii irra oolfadheera; kunis akka ati magaalaawwan dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa geeddartuu dha.
2KI 19:26 Namoonni isaanii humna dhabanii abdii kutataniis qaanaʼan. Isaan akkuma biqiltuu diidaa, akkuma biqiltuu kichuu tokkoo, akkuma marga mana gubbaatti biqilu kan utuu hin guddatin gubatee ti.
2KI 19:27 “ ‘Ani garuu lafa ati jirtu, yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu, akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
2KI 19:28 Waan ati akka malee natti aartee guggubattee of tuulummaan kee gurra koo gaʼeef, ani hokkoo koo funyaan kee keessa, luugama koo afaan kee keessa kaaʼeen akka ati karuma dhufte sana deebitu sin godha.’
2KI 19:29 “Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu, waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu. Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa; muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
2KI 19:30 Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
2KI 19:31 Yerusaalem keessaa hambaan tokko, Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata:
2KI 19:32 “Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: “ ‘Inni magaalaa kana hin seenu yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu. Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
2KI 19:33 Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa; magaalaa kanas hin seenu, jedha Waaqayyo.
2KI 19:34 Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee, magaalaa kana nan eega; nan oolchas.’ ”
2KI 19:35 Halkanuma sana ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture!
2KI 19:36 Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.
2KI 19:37 Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 20:1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii’ ” jedheen.
2KI 20:2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
2KI 20:3 “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
2KI 20:4 Utuu Isaayyaas oobdii gara gidduu jiru sana keessaa hin baʼin dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe;
2KI 20:5 “Deebiʼii dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaas hoogganaa saba kootiitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani sin fayyisa. Ati ammaa jalqabdee guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baata.
2KI 20:6 Ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani sababii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.’ ”
2KI 20:7 Kana irratti Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaa” jedhe. Isaanis qopheessanii dhullaa isaa irra kaaʼaniif; innis ni fayye.
2KI 20:8 Hisqiyaasis, “Akka Waaqayyo na fayyisuu fi akka ani guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee Isaayyaasin gaafate.
2KI 20:9 Isaayyaasis akkana jedhee deebise; “Akka Waaqayyo waan waadaa gale sana hojjetuuf mallattoon Waaqayyo siif kennu kunoo kanaa dha; gaaddidduun tokko tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa deemuu moo yookaan tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti haa deebiʼuu?”
2KI 20:10 Hisqiyaas immoo, “Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti deemuun gaaddidduu tokkoof waan salphaa dha; qooda kanaa akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhi” jedhe.
2KI 20:11 Kana irratti Isaayyaas raajichi iyyee Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gulantaa Aahaaz irra gara fuula duraatti deemee ture sana irraa tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhe.
2KI 20:12 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsate dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef.
2KI 20:13 Hisqiyaasis ergamoota sana simatee waan mankuusa isaa keessa ture hunda jechuunis meetii, warqee, urgooftuu fi zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
2KI 20:14 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa dhufan” jedhee deebise.
2KI 20:15 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan. Wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen.
2KI 20:16 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi:
2KI 20:17 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo.
2KI 20:18 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
2KI 20:19 Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiraatuu?” jedhee yaadee tureetii.
2KI 20:20 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa, jabinni isaa hundii fi akki inni itti haroo fi ujummoo ittiin bishaan harkisanii gara magaalaatti fidan hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 20:21 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 21:1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture.
2KI 21:2 Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
2KI 21:3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas diigee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas akkuma Ahaab mootichi Israaʼel godhe sana Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaa Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
2KI 21:4 Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Ani Maqaa koo Yerusaalem keessa nan dhaaba” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
2KI 21:5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
2KI 21:6 Inni ilma ofii isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolcha hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
2KI 21:7 Innis fakkii Asheeraa kan soofee hojjete sana fuudhee mana qulqullummaa kan Waaqayyo akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonii dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe sana keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
2KI 21:8 Yoo isaan waan ani isaan ajaje hunda hojjetanii Seera garbichi koo Museen isaaniif kenne guutuu eegan, ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii isaaniitiif kenne keessaa baʼee jooru hin godhu.”
2KI 21:9 Namoonni garuu hin dhaggeeffanne. Minaaseen karaa irraa isaan jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
2KI 21:10 Waaqayyo karaa garboota isaa raajotaatiin akkana jedhee dubbate;
2KI 21:11 “Minaaseen mootichi Yihuudaa cubbuu jibbisiisaa kanneen hojjeteera. Innis Amoorota isaan dura jiraatan caalaa waan hamaa hojjete; waaqota tolfamoo isaatiinis Yihuudaa cubbuu hojjechiise.
2KI 21:12 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani waan hamaa nama isa dhagaʼu hunda suukaneessu tokko Yerusaalemii fi Yihuudaatti nan fida.
2KI 21:13 Ani funyoo Samaariyaatii fi tumbii mana Ahaab sana Yerusaalem irratti nan diriirsa. Akkuma namni caabii haxaaʼee gad gombisutti ani Yerusaalemin haxaaʼee nan gombisa.
2KI 21:14 Ani hambaa dhaala koo dhiisee harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna. Isaanis diinota isaanii hundaan ni saamamu; ni boojiʼamus.
2KI 21:15 Isaan gaafa abbootiin isaanii Gibxii baʼanii jalqabee hamma harʼaatti fuula koo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniiruutii.”
2KI 21:16 Kana caalaas Minaaseen akka warri Yihuudaa fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan godhee cubbuu isaan hojjechiisuu isaa irra iyyuu dhiiga namoota balleessaa hin qabnee baayʼee dhangalaasee akka Yerusaalem daangaa tokkoo hamma daangaa kaaniitti dhiigaan guutamtu godheera.
2KI 21:17 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni inni hojjete hundi, cubbuu inni hojjete dabalatee seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 21:18 Minaaseen abbootii isaa wajjin boqotee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa isaa keessatti, iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 21:19 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemet ture; isheenis intala Haaruus nama biyya Yoxbaa turte.
2KI 21:20 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
2KI 21:21 Innis karaa abbaa isaa hunda irra deeme; waaqota tolfamoo abbaan isaa waaqeffate illee waaqeffatee isaaniifis sagade.
2KI 21:22 Inni Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiise; karaa Waaqayyoo irras hin deemne.
2KI 21:23 Qondaaltonni Aamoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti mooticha ni ajjeesan.
2KI 21:24 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
2KI 21:25 Wanni bara mootummaa Aamoon keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
2KI 21:26 Innis awwaala isaa kan iddoo biqiltuu Uzaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yosiyaasis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 22:1 Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Yediidaa dha; isheenis intala Adaayaa nama biyya Boozqaatii ti.
2KI 22:2 Inni fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme.
2KI 22:3 Yosiyaas mootichi bara mootummaa isaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti akkana jedhee Shaafaan ilma Azaliyaa ilma Meshulaam barreessaa sana gara mana qulqullummaa Waaqayyootti erge:
2KI 22:4 “Gara Hilqiyaa lubicha ol aanaatti ol baʼiitii akka inni maallaqa gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame kan warri balbala eegan namoota irraa walitti qaban sana lakkaaʼu godhi.
2KI 22:5 Maallaqni kunis namoota akka hojii mana qulqullummaa toʼataniif muudamanitti imaanaa haa kennamu. Namoonni kunneen immoo warra mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsaniif jechuunis,
2KI 22:6 warra muka soofaniif, warra mana ijaaranii fi warra dhagaa soofaniif haa kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa haaromsuuf mukaa fi dhagaa soofame ittiin haa bitan.
2KI 22:7 Isaan garuu sababii amanamummaadhaan hojjetaniif, maallaqa imaanaa isaanitti kenname sana toʼachuun hin barbaachisu.”
2KI 22:8 Hilqiyaa lubichi ol aanaan sunis, Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe. Kitaabichas Shaafaanitti kenne; Shaafaan immoo kitaaba sana ni dubbise.
2KI 22:9 Ergasiis Shaafaan gara mootichaa dhaqee, “Qondaaltonni kee maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture baasanii hojjettootaa fi namoota hojii mana qulqullummaa toʼatanitti imaanaa kennaniiru” jedhee hime.
2KI 22:10 Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise.
2KI 22:11 Mootichis dubbii Kitaaba Seeraa sana dhageenyaan uffata isaa ni tarsaase.
2KI 22:12 Innis ajaja kana Hilqiyaa lubichatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Akboor ilma Miikaayaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne;
2KI 22:13 “Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, sabaa fi Yihuudaa hundaaf Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii kitaabaa kanaatiif hin ajajaminiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti bobaʼeera; isaan akka waan waaʼee keenya barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
2KI 22:14 Hilqiyaa lubichi, Ahiiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan Huldaanaa raajittii gaafachuu dhaqan. Huldaanaan kun niitii Shaluum ilma Tiqwaa, ilma Harhaas kan eegduu uffataa ture sanaa ti. Isheenis Yerusaalem keessa Aanaa Lammaffaa keessa jiraatti turte.
2KI 22:15 Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa.
2KI 22:16 ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuma waan kitaaba mootichi Yihuudaa dubbise sana keessatti barreeffame hundaatti iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa nan fida.
2KI 22:17 Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waaqota tolfamoo harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif, dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’
2KI 22:18 Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha;
2KI 22:19 “Sababii ati yeroo waan ani waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa akka isaan abaaramanii barbadeeffaman waan hamaa dubbadhe dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqayyoo duratti gad of qabdeef, sababii uffata kee tarsaaftee fuula koo duratti boosseef, ani si dhagaʼeera” jedha Waaqayyo.
2KI 22:20 Kanaafuu ani abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kana irratti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’ ” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.
2KI 23:1 Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame.
2KI 23:2 Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi raajota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef.
2KI 23:3 Mootichis utubaa bira dhaabatee akka Waaqayyoon duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee akkasiin dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hojii irra oolchu fuula Waaqayyoo duratti kakuu ni haaromse; ergasiis sabni hundi kakuu ni haaromse.
2KI 23:4 Mootichis akka isaan miʼoota Baʼaaliif, Asheeraadhaa fi raayyaawwan samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa baasaniif Hilqiyaa lubicha ol aanaa, luboota sadarkaan isatti aananii fi eegdota balbalaa ajaje. Innis miʼoota sana Yerusaalem keessaa baasee dirree Sulula Qeedroon irratti gube; daaraa isaas fuudhee Beetʼeelitti geesse.
2KI 23:5 Luboota waaqota tolfamoo kanneen akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Yihuudaatii fi naannoo Yerusaalem kanneen gaarran irraatiif ixaana aarsaniif mootonni Yihuudaa muudan sana jechuunis warra Baʼaaliif, aduu fi jiʼaaf, tuuta urjiitii fi raayyaawwan samii hundaaf ixaana aarsaa turanis ni barbadeesse.
2KI 23:6 Siidaa Aasheeraas mana qulqullummaa Waaqayyootii fuudhee Yerusaalem keessaa baasee Sulula Qeedroonitti geessee achitti ni gube. Isas daakee bulleessee daaraa isaa awwaala namootaa irratti firfirse.
2KI 23:7 Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige.
2KI 23:8 Yosiyaasis luboota hunda magaalaawwan Yihuudaatii ni fide; innis iddoowwan sagadaa kanneen Gebaadhaa hamma Bersheebaatti turan kanneen luboonni ixaana itti aarsaa turan sana ni xureesse. Akkasumas galmawwan waaqeffannaa karrawwan cinaa kanneen balbala Karra Iyyaasuu bulchaa magaalaa sanaa dura karaa gama bitaa magaalattiin turan sana ni diige.
2KI 23:9 Luboonni iddoowwan sagadaa kunneen yoo iddoo aarsaa Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa irra tajaajiluu baatan illee isaan luboota akka isaanii wajjin Maxinoo nyaatan ture.
2KI 23:10 Innis akka namni tokko iyyuu ilma isaa yookaan intala isaa aarsaa godhee ibiddaan Moolekiif hin dhiʼeessineef Toofeti kan Sulula Ben Hinoom keessatti argamu sana ni xureesse.
2KI 23:11 Akkasumas fardeen mootonni Yihuudaa aduudhaaf kennan sana balbala mana qulqullummaa Waaqayyootti geessu irraa fuudhee ni balleesse. Fardeen sun oobdii kutaa mana Naataan-Meelek qondaaltichaa biraa keessa turan. Ergasiis Yosiyaas gaariiwwan aduu sana ibiddaan ni gube.
2KI 23:12 Mootichis iddoowwan aarsaa mootonni Yihuudaa bantii manaa irra, kutaa mana Aahaaz kan ol aanu bira dhaabanii fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdiiwwan lamaan keessa dhaabe sana ni buqqise. Iddoowwan aarsaa sanas achii fuudhee ni caccabsee, caccabaa isaanii Sulula Qeedroon keessatti ni gate.
2KI 23:13 Akkasumas mootichi iddoowwan sagadaa kanneen gama baʼa Yerusaalemitti karaa kibba Gaara Faalamuutiin turan kanneen Solomoon mootichi Israaʼel Ashtooreti waaqittii xurooftuu Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha xuraaʼaa Moʼaabii fi Moolek waaqicha xuraaʼaa ijoollee Amooniitiif hojjete sana ni xureesse.
2KI 23:14 Yosiyaas soodduuwwan dhagaa caccabsee siidaawwan Aasheeraas diigee iddoo sana lafee namaatiin guute.
2KI 23:15 Akkasumas iddoo aarsaa Beetʼeel keessa ture sanaa fi iddoo sagadaa kan Yerobiʼaam ilmi Nebaat inni Israaʼelin cubbuu hojjechiise sun ijaare iddoo aarsaa sanaa fi iddoo sagadaa ni diige. Iddoo sagadaa sanas caccabsee, daakee bulleesse; siidaa Aasheeraas ni gube.
2KI 23:16 Yosiyaasis of irra garagalee awwaalawwan tulluu irra jiran achitti arge; nama ergees awwaalawwan sana keessaa lafeewwan fichisiisee akkuma dubbii Waaqayyoo kan namni Waaqaa inni duraan dursee waan kana dubbate sun labsetti iddoo aarsaa irratti gubee isa xureesse.
2KI 23:17 Mootichi, “Dhagaan awwaalaa kan ani arguutti jiru kun maal?” jedhee ni gaafate. Namoonni magaalaa sanaa immoo, “Inni awwaala nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufee waanuma ati iddoo aarsaa Beetʼeel goote kana duraan dursee labse sanaa ti” jedhan.
2KI 23:18 Innis, “Isa dhiisaa; namni tokko iyyuu lafee isaa hin tuqin” jedhe. Kanaafuu isaan lafee isaattii fi lafee raajicha Samaariyaadhaa dhufe sanaa illee ni dhiisan.
2KI 23:19 Yosiyaas akkuma Beetʼeelitti godhe sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa kanneen mootonni Israaʼel magaalaawwan Samaariyaa keessatti ijaaranii Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan sana hunda ni diige.
2KI 23:20 Innis luboota iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda iddoowwan aarsaa irratti qalee lafee namaas achuma irratti ni gube. Ergasiis gara Yerusaalemitti ni deebiʼe.
2KI 23:21 Mootichis, “Akkuma Kitaaba Kakuu kana keessatti barreeffame sanatti Waaqayyo Waaqa keessaniif Faasiikaa ayyaaneffadhaa” jedhee saba hunda ajaje.
2KI 23:22 Bara abbootii murtii kanneen Israaʼelin bulchaa turaniitii jalqabee yookaan bara mootota Israaʼel hunda keessa yookaan Yihuudaa keessa Faasiikaan akkasii takkumaa ayyaaneffamee hin beeku.
2KI 23:23 Garuu bara Yosiyaas mootichaa keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Faasiikaan kun Yerusaalemitti Waaqayyoof ayyaaneffamaa ture.
2KI 23:24 Kana malees Yosiyaas ilaaltotaa fi eker dubbistoota, taraafimii, waaqota tolfamoo fi wantoota jibbisiisoo kanneen Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti argaman biraa hunda balleesse. Innis seera kitaaba Hilqiyaa lubichi mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti arge sana irratti barreeffame hojii irra oolchuudhaaf waan kana godhe.
2KI 23:25 Mootiin akka Yosiyaas kan akka Seera Musee hundaatti garaa isaa guutuudhaan, lubbuu isaa guutuu fi humna isaa guutuudhaan gara Waaqayyootti deebiʼe tokko iyyuu isaan duras isaan duubas hin argamne.
2KI 23:26 Taʼus sababii Minaaseen waan hojjete hundaan dheekkamsaaf isa kakaaseef Waaqayyo dheekkamsa isaa guddaa fi sodaachisaa Yihuudaa irratti bobaʼe sana irraa hin deebine.
2KI 23:27 Kanaafuu Waaqayyo, “Ani akkuma Israaʼelin balleesse sana Yihuudaas fuula koo duraa nan balleessa; Yerusaalem magaalaa ani filadheef mana qulqullummaa kan ani, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa” jedhe.
2KI 23:28 Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii?
2KI 23:29 Bara Yosiyaas mootii turetti, Faraʼoon Nekkoon mootichi Gibxi mootii Asoor gargaaruuf jedhee gara Laga Efraaxiisitti ol baʼe. Yosiyaas mootichis of irraa isa ittisuudhaaf itti gad baʼe. Nekkoon garuu isatti dhufee Megidootti isa ajjeese.
2KI 23:30 Garboonni Yosiyaasis gaariidhaan Megidoodhaa gara Yerusaalemitti reeffa isaa fidanii awwaala isaa keessatti isa awwaalan. Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii dibanii iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan.
2KI 23:31 Yehooʼaahaazis yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan Libnaadhaa dhuftee turte.
2KI 23:32 Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
2KI 23:33 Akka inni Yerusaalem keessa taaʼee hin bulchineef Faraʼoon Nekkoon Hamaati keessatti Riiblaati foncaan isa hidhee Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure.
2KI 23:34 Faraʼoon Nekkoon Eliiyaaqiim ilma Yosiyaas mootichaa iddoo Yosiyaas iddoo abbaa isaa buusee mootii godhe; maqaa Eliiyaaqiimis geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Yehooʼaahaazin garuu fuudhee Gibxitti geesse; innis achitti duʼe.
2KI 23:35 Yehooyaaqiimis meetii fi warqee Faraʼoon Nekkoon gaafate sana ni baase. Waan kana baasuufis gibira biyyatti muree namoota biyyattii irraa akkuma galii isaaniitti meetii fi warqee walitti qabe.
2KI 23:36 Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Zebuudaa ture; isheenis intala Phedaayaa kan magaalaa Ruumaatii dhufte turte.
2KI 23:37 Innis akkuma abbootiin isaa hojjetan sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
2KI 24:1 Bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya sana ni weerare; Yehooyaaqiimis waggaa sadii isaaf garboome. Ergasii garuu yaada geeddaratee Nebukadnezaritti fincile.
2KI 24:2 Waaqayyos saamtota Baabilon, saamtota Sooriyaa, saamtota Moʼaabii fi saamtota Amoon isatti erge. Innis akkuma dubbii Waaqayyoo kan garboonni isaa raajonni dubbatan sanaatti Yihuudaa balleessuudhaaf isaan erge.
2KI 24:3 Dhugumaan wanni kun sababii cubbuu Minaaseetii fi waan inni hojjete hundaatiif fuula isaa duraa isaan balleessuudhaaf akkuma ajaja Waaqayyootti Yihuudaatti dhufe;
2KI 24:4 akkasumas sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabnee dhangalaasee fi sababii inni dhiiga namoota yakka hin qabneetiin Yerusaalemin guuteef Waaqayyo dhiisuufii hin barbaanne.
2KI 24:5 Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
2KI 24:6 Yehooyaaqiim abbootii isaa wajjin ni boqote. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2KI 24:7 Sababii mootichi Baabilon biyya isaa hunda, Malkaa Gibxii jalqabee hamma Laga Efraaxiisitti qabateef mootiin Gibxi lammata duulaaf biyya isaatii hin baane.
2KI 24:8 Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Nehushtaa ture; isheenis intala Elnaataan namicha Yerusaalem sanaa ti.
2KI 24:9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
2KI 24:10 Yeruma sanatti loltoonni Nebukadnezar mooticha Baabilon Yerusaalemitti duulanii ishee ni marsan;
2KI 24:11 utuma ajajjoonni loltoota isaa ishee marsaa jiranuu Nebukadnezar mataan isaa gara magaalattii ni dhufe.
2KI 24:12 Yehooyaakiin mootichi Yihuudaa, haati isaa, garboonni isaa, namoonni isaa bebeekamoonii fi qondaaltonni isaa hundinuu mootii Baabilonitti harka kennatan. Mootiin Baabilonis mooʼee waggaa saddeettaffaatti Yehooyaakiinin boojiʼee ni fudhate.
2KI 24:13 Nebukadnezaris akkuma Waaqayyo dubbatee ture sanatti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa keessa ture hunda ni fudhate; miʼa warqee kan Solomoon mootichi Israaʼel mana qulqullummaa Waaqayyootiif tolche hunda isaa immoo caccabse.
2KI 24:14 Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe.
2KI 24:15 Nebukadnezar Yehooyaakiinin boojiʼee Baabilonitti ni geesse. Akkasumas haadha mootichaa, niitota isaa, qondaaltota isaatii fi namoota biyya sanaa bebbeekamoo boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti ni geesse.
2KI 24:16 Kana malees mootichi Baabilon humna waraanaa guutuu kan nama kuma torba of keessaa qabu, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman kuma tokko boojiʼee Baabilonitti ni geesse; isaan kunneen hundi jajjaboo fi warra lola dandaʼan turan.
2KI 24:17 Innis Mataaniyaa eessuma Yehooyaakiin sana iddoo isaa mootii godhe; maqaa isaas Zedeqiyaatti ni geeddare.
2KI 24:18 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte.
2KI 24:19 Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete.
2KI 24:20 Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse. Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile.
2KI 25:1 Kanaafuu bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti, Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule. Innis magaalattiin ala qubatee naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marse.
2KI 25:2 Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte.
2KI 25:3 Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe.
2KI 25:4 Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan;
2KI 25:5 loltoonni Baabilon garuu mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban. Loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan;
2KI 25:6 innis ni qabame. Gara mootii Baabilonitti Riiblaatti geeffamee achittis itti murame.
2KI 25:7 Isaanis ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa fixan; isaanis ija isaa keessaa baasanii foncaa naasiitiin hidhanii Baabilonitti isa geessan.
2KI 25:8 Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii torbaffaa jiʼa shanaffaatti, Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa, qondaalli mootii Baabilon sun gara Yerusaalem dhufe.
2KI 25:9 Innis mana qulqullummaa Waaqayyootti, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise. Manneen gurguddaa hundas ni gube.
2KI 25:10 Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan diigan.
2KI 25:11 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota magaalaa keessatti hafanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate.
2KI 25:12 Ajajaan sun garuu hiyyeeyyii biyyattii keessaa gariin akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise.
2KI 25:13 Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture caccabsanii naasii sana immoo Baabilonitti geessan.
2KI 25:14 Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan.
2KI 25:15 Ajajaan eegumsaa sunis girgiraawwanii fi waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan kanneen hundi isaanii warqee qulqulluu irraa yookaan meetii irraa hojjetaman fudhatee deeme.
2KI 25:16 Ulfinni naasii kan Solomoon ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan.
2KI 25:17 Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheerata ture. Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma sadii ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis sibiila isaa kan wal keessa loofamee tolfame wajjin kanuma fakkaata ture.
2KI 25:18 Ajajaan eegumsaa sun, Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme.
2KI 25:19 Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii shan fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota isaa kanneen magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate.
2KI 25:20 Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse.
2KI 25:21 Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe. Yihuudaanis akkasiin boojiʼamtee biyya isheetii baate.
2KI 25:22 Nebukadnezar mootichi Baabilon akka inni namoota Yihuudaatti hambise sana bulchuuf Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ilma Shaafaan sana muude.
2KI 25:23 Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaasin bulchaa kutaa biyyaa godhee muude dhagaʼanitti Gedaaliyaas bira Miisphaa dhufan; isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaan ilma Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti namicha Netoof sanaa, Yaazaniyaa ilma namicha Maʼakaatii fi namoota isaanii turan.
2KI 25:24 Gedaaliyaasis, “Qondaaltota Baabilon hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii” jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate.
2KI 25:25 Garuu jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalate sun namoota kudhan wajjin dhufee Gedaaliyaas, namoota Yihuudaatii fi namoota Baabilon kanneen isa wajjin Miisphaa turan fixe.
2KI 25:26 Kana irratti namni hundi xinnaa fi guddaan, Baabilonota sodaatee ajajjoota waraanaa wajjin gara Gibxitti baqate.
2KI 25:27 Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii torbaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mootii Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiise.
2KI 25:28 Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef.
2KI 25:29 Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate.
2KI 25:30 Mootichis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.
1CH 1:1 Addaam, Seeti, Enoosh,
1CH 1:2 Qeenaan, Mahalaleel, Yaared,
1CH 1:3 Henook, Matuuselaa, Laameh, Noh.
1CH 1:4 Ilmaan Noh: Seem, Haam, Yaafet:
1CH 1:5 Ilmaan Yaafet: Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.
1CH 1:6 Ilmaan Goomer: Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.
1CH 1:7 Ilmaan Yaawaan: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan.
1CH 1:8 Ilmaan Haam: Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.
1CH 1:9 Ilmaan Kuushi: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan. Ilmaan Raʼimaa: Shebaa fi Dedaan turan.
1CH 1:10 Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
1CH 1:11 Misrayim immoo abbaa Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa,
1CH 1:12 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
1CH 1:13 Kanaʼaan abbaa Siidoon ilma isaa hangaftichaa akkasumas kan Heetotaa,
1CH 1:14 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
1CH 1:15 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
1CH 1:16 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture.
1CH 1:17 Ilmaan Seem: Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan. Ilmaan Arraam: Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.
1CH 1:18 Arfaakshad Sheelaa dhalche; Sheelaan immoo Eeberin dhalche.
1CH 1:19 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate: Sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef, maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.
1CH 1:20 Yooqxaan immoo Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa,
1CH 1:21 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
1CH 1:22 Eebaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
1CH 1:23 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
1CH 1:24 Seem, Arfaakshadi, Sheelaa,
1CH 1:25 Eeberi, Felegi, Reʼuu,
1CH 1:26 Seruugi, Naahoor, Taaraa,
1CH 1:27 akkasumas Abraam kan Abrahaam jedhame sanaa dha.
1CH 1:28 Ilmaan Abrahaam: Yisihaaqii fi Ishmaaʼeel.
1CH 1:29 Sanyiiwwan isaanii warra kanneenii dha: Nabaayooti ilma Ishmaaʼeel hangafticha, Qeedaar, Adbiʼeel, Mibsaami,
1CH 1:30 Mishmaa, Duumaa, Maasaa, Hadaad, Teemaa,
1CH 1:31 Yexuur, Naafiishii fi Qeedmaa.
1CH 1:32 Ilmaan Qexuuraan saajjatoon Abrahaam sun deesse: Zimraan, Yoqshaan, Medaan, Midiyaan, Yishbaaqii fi Shuwaa. Ilmaan Yokshaan: Shebaa fi Dedaan.
1CH 1:33 Ilmaan Midiyaan: Eefaa, Eefer, Henook, Abiidaa fi Eldaaʼaa.
1CH 1:34 Abrahaam abbaa Yisihaaq. Ilmaan Yisihaaq: Esaawuu fi Israaʼel.
1CH 1:35 Ilmaan Esaawu: Eliifaaz, Reʼuuʼeel, Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi.
1CH 1:36 Ilmaan Eliifaaz: Teemaan, Oomaar, Zefoo, Gaataamii fi Qenaz; karaa Tiimnaatiin: Amaaleq.
1CH 1:37 Ilmaan Reʼuuʼeel: Nahaati, Zeraa, Shamaa fi Miizaah.
1CH 1:38 Ilmaan Seeʼiir: Looxaan, Sobaal, Zibeʼoon, Aannaa, Diishoon, Eezerii fi Diishaan.
1CH 1:39 Ilmaan Looxaan: Hoorii fi Hoomaam, Tiimnaa obboleettii Looxaan.
1CH 1:40 Ilmaan Sobaal: Aliwaan, Maanahaat, Eebaal, Shefoo fi Oonaami. Ilmaan Zibeʼoon: Ayyaa fi Aannaa.
1CH 1:41 Ilmi Aannaa: Diishoon. Ilmaan Diishoon: Hemdaan, Eshbaan, Yitraanii fi Keraan.
1CH 1:42 Ilmaan Eezeri: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan. Ilmaan Diishaan: Uuzii fi Araan.
1CH 1:43 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan: Belaa ilma Beʼoor kan magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame sana.
1CH 1:44 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1CH 1:45 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1CH 1:46 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.
1CH 1:47 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1CH 1:48 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1CH 1:49 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1CH 1:50 Baʼaal-Haanaan duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture; isheenis intala Maxreed, intala Mee-Zaahaab turte.
1CH 1:51 Hadaadis ni duʼe. Hangafoota saba Edoom: Tiimnaa, Aalwaa, Yeteeti,
1CH 1:52 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,
1CH 1:53 Qenaz, Teemaan, Mibzaar,
1CH 1:54 Magidiiʼeelii fi Iiraam.
1CH 2:1 Ilmaan Israaʼel warra kanneenii dha: Ruubeen, Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Zebuuloon,
1CH 2:2 Daan, Yoosef, Beniyaam, Niftaalem, Gaadii fi Aasheer.
1CH 2:3 Ilmaan Yihuudaa: Eeri, Oonaanii fi Sheelaa. Isaan kanneen sadanuu intala Shuuwaa, dubartii Kanaʼaan sanatu isaaf daʼe. Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture. Kanaafuu Waaqayyo isa ajjeese.
1CH 2:4 Taamaar niitiin ilma Yihuudaa Faaresii fi Zaaraa Yihuudaaf deesse.
1CH 2:5 Ilmaan Faares: Hezroonii fi Hamuul.
1CH 2:6 Ilmaan Zaaraa: Zimrii, Eetaan, Heemaan, Kalkoolii fi Daardaa. Isaan walumaa galatti dhiirota shan turan.
1CH 2:7 Ilma Karmii: Aakaar isa waan balleeffamuu qabu fudhachuudhaan Israaʼelitti rakkina fide.
1CH 2:8 Ilma Eetaan: Azaariyaa.
1CH 2:9 Ilmaan Hezroon: Yeramiʼeel, Raamii fi Keluubaa.
1CH 2:10 Raam abbaa Abiinaadaab ture; Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon hoogganaa saba Yihuudaa ture.
1CH 2:11 Nahishoon abbaa Salmaan; Salmaan immoo abbaa Boʼeez;
1CH 2:12 Boʼeez abbaa Oobeedi; Yoobeed immoo abbaa Isseey.
1CH 2:13 Ilmaan Isseey: Ilmi isaa hangafni Eliiyaab, lammaffaan Abiinaadaab, sadaffaan Shimeʼaa,
1CH 2:14 Afuraffaan Naatnaaʼel, shanaffaan Raadaayi,
1CH 2:15 jaʼaffaan Oozem, torbaffaan Daawit.
1CH 2:16 Obboleettonni isaanii immoo Zeruuyaa fi Abiigayiil turan. Ilmaan Zeruuyaa sadan Abiishaayi, Yooʼaabii fi Asaaheel turan.
1CH 2:17 Abiigayiil haadha Amaasaa kan abbaan isaa Yeteer nama gosa Ishmaaʼeel sanaa ti.
1CH 2:18 Kaaleb ilmi Hezroon niitii isaa Azuubaa fi Yeriʼooti irraa ijoollee dhalche. Ilmaan Aazubaa kanneen turan: Yeeser, Sobaabii fi Ardoon.
1CH 2:19 Kaalebis Azuubaan duunaan Efraataa fuudhe. Isheenis Huurin isaaf deesse.
1CH 2:20 Huuri abbaa Uuri; Uuri immoo abbaa Bezaliʼeel.
1CH 2:21 Ergasii Hezroon yommuu umuriin isaa waggaa jaatama guutetti intala abbaa Giliʼaad intala Maakiir fuudhe; isheenis Seguubin isaaf deesse.
1CH 2:22 Seguub immoo abbaa Yaaʼiir ture; innis biyya Giliʼaad keessaa magaalaawwan digdamii sadii qaba ture.
1CH 2:23 Geshuurii fi Arraam, magaalaa Yaaʼiir akkasumas Qeenaatii fi gandoota naannoo ishee jiraniin walitti magaalaawwan jaatama irraa fudhatan.
1CH 2:24 Hezroon erga Kaaleb Efraataatti duʼee booddee, niitiin isaa Abiyaan Ashihuur abbaa Teqooʼaa deesseef.
1CH 2:25 Ilmaan Yeramiʼeel ilma Hezroon hangafticha sanaa: Raam ilma isaa hangafticha, Buunaah, Ooren, Oozemii fi Ahiiyaa.
1CH 2:26 Yeramiʼeel niitii biraa kan Aaxaaraa jedhamtu qaba ture; isheenis haadha Oonaam turte.
1CH 2:27 Ilmaan Raam ilma Yeramiʼeel hangafticha sanaa: Maʼaaz, Yaamiinii fi Eeqeer.
1CH 2:28 Ilmaan Oonaam: Shamaayii fi Yaadaa. Ilmaan Shamaayi: Naadaabii fi Abiishur.
1CH 2:29 Niitiin Abiishur Abiihaayil jedhamti; isheenis Ahibaanii fi Mooliid isaaf deesse.
1CH 2:30 Ilmaan Naadaab: Seleedii fi Afayiim. Seleed utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
1CH 2:31 Ilma Afayiim: Yisheʼii; Yisheʼiin abbaa Sheeshaan. Sheeshaan immoo abbaa Ahilayi.
1CH 2:32 Ilmaan Yaadaa kan obboleessa Shamaayi: Yeteerii fi Yoonaataan. Yeteer utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
1CH 2:33 Ilmaan Yoonaataan: Pheletii fi Zaazaa.
1CH 2:34 Sheeshaan intallan malee ilmaan hin qabu ture. Innis tajaajilaa lammii Gibxi kan Yarihaa jedhamu tokko qaba ture.
1CH 2:35 Sheeshaan tajaajilaa isaa Yarihaatti intala isaa ni heerumsiise; isheenis Ataayin deesseef.
1CH 2:36 Ataayi abbaa Naataan; Naataan immoo abbaa Zaabaadin;
1CH 2:37 Zaabaad abbaa Eflaal; Efelaal immoo abbaa Oobeedi;
1CH 2:38 Oobeedi abbaa Yehuu; Yehuun abbaa Azaariyaa;
1CH 2:39 Azaariyaa abbaa Heleez; Helees immoo abbaa Eleʼaasaa ti;
1CH 2:40 Eleʼaasaan abbaa Sismaayi; Sismaayi abbaa Shaluum;
1CH 2:41 Shaluum abbaa Yeqameyaa ti; Yeqameyaan immoo abbaa Eliishaamaa ti.
1CH 2:42 Ilmaan Kaaleb obboleessa Yeramiʼeel: Meeshaan ilmi isaa hangaftichi abbaa Ziif; Ziif abbaa Maareeshaa ti; Maareeshaan immoo abbaa Kebroon.
1CH 2:43 Ilmaan Kebroon: Qooraahi, Tafuuʼaa, Reqemii fi Shemaa.
1CH 2:44 Shemaan abbaa Raham; Raham immoo abbaa Yorqeʼaam. Reqem abbaa Shamaayi.
1CH 2:45 Shamaayi abbaa Maaʼoon; Maaʼoon immoo abbaa Beet Zuuri.
1CH 2:46 Eefaan saajjatoon Kaaleb sun haadha Haaraan, Moozaa fi Gaazeez. Haaraan immoo abbaa Gaazer.
1CH 2:47 Ilmaan Yaahidaay: Reegeem, Yootaam, Geeshaan, Phelet, Eefaa fi Shaʼaaf.
1CH 2:48 Maʼakaan saajjatoon Kaaleb sun haadha Shebeerii fi Tirhaanaa ti.
1CH 2:49 Isheen akkasumas Shaʼaaf abbaa Madmaanaa, Shewwaa abbaa Makbeenaa fi abbaa Gibeʼaa deesse. Kaaleb intala Aaksaa jedhamtu qaba ture.
1CH 2:50 Isaan kunneen sanyiiwwan Kaaleb turan. Ilmaan Huuri ilma Efraataa hangaftichaa: Sobaal abbaa Kiriyaati Yeʼaariim,
1CH 2:51 Salmaan abbaa Beetlihem, Haareef abbaa Beet Gaadeer.
1CH 2:52 Sanyiiwwan Sobaal kan abbaa Kiriyaati Yeʼaariim: Walakkaan Menuhootaa, Haarooʼee,
1CH 2:53 akkasumas gosti Kiriyaati Yeʼaariim, Yitraawonni, Fuutonni, Shumaatonni, Mishiraawonni, Zoraatotaa fi Eshitaaʼoloonni gosoota isaan kanneen keessaa dhalatanii dha.
1CH 2:54 Sanyiiwwan Salmaan: Beetlihem, Netoofota, Atroot Beet Yooʼaab, walakkaa Maanaheetotaa, Zoraatota faʼi;
1CH 2:55 balbala barreessitootaa kanneen Yaabeex keessa jiraatan: Tiraatota, Shimeʼaatotaa fi Sukaatota. Isaan kunneen Qeenota mana abbaa Rekaab Hamaati keessaa dhalatanii dha.
1CH 3:1 Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha: Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha; inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha;
1CH 3:2 sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha; afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;
1CH 3:3 shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal; jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha.
1CH 3:4 Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha.
1CH 3:5 ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha: Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan.
1CH 3:6 Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
1CH 3:7 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
1CH 3:8 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan.
1CH 3:9 Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawit turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte.
1CH 3:10 Ilmi Solomoon Rehooboʼaam; ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha; ilmi Abiyaa Aasaa dha; ilmi Aasaa Yehooshaafaax;
1CH 3:11 ilmi Yehooshaafaax Yehooraam; ilmi Yooraam Ahaaziyaa; ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash;
1CH 3:12 ilmi Yooʼaash Amasiyaa; ilmi Amasiyaa Azaariyaa; ilmi Azaariyaa Yootaam;
1CH 3:13 ilmi Yootaam Aahaaz; ilmi Aahaaz Hisqiyaas; ilmi Hisqiyaas Minaasee dha;
1CH 3:14 ilmi Minaasee Aamoon; ilmi isaa immoo Yosiyaas.
1CH 3:15 Ilmaan Yosiyaas: Inni hangafni Yoohaanaan, lammaffaan Yehooyaaqiim, sadaffaan Zedeqiyaa, afuraffaan immoo Shaluum.
1CH 3:16 Ilmaan Yehooyaaqiim: Ilma isaa Yehooyaakiinii fi ilma isaa Zedeqiyaa.
1CH 3:17 Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa: Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel,
1CH 3:18 Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaaxaar, Yeqameyaa, Hooshaamaa fi Nedaabiyaa.
1CH 3:19 Ilmaan Phedaayaa: Zarubaabelii fi Shimeʼii. Ilmaan Zarubaabel: Meshulaamii fi Hanaaniyaa. Obboleettiin isaanii immoo Sheloomiit jedhamti.
1CH 3:20 Akkasumas ijoollee gara biraa shanitu ture; isaanis: Hashubaa, Oohel, Berekiyaa, Hasadiyaa fi Yooshab-Heseed.
1CH 3:21 Ilmaan Hanaaniyaa: Phelaatiyaa fi Yeshaayaa; akkasumas ilmaan Refaayaa, ilmaan Arnaan, ilmaan Obaadiyaatii fi ilmaan Shekaaniyaa.
1CH 3:22 Ilmaan Shekaaniyaa: Shemaaʼiyaa fi ilmaan isaa: Haxuush, Yigiʼaal, Baariiyaah, Naʼaariyaa fi Shaafaax; isaan walumatti jaʼa turan.
1CH 3:23 Ilmaan Naʼaariyaa: Eliiyooʼeenayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan walumatti sadii turan.
1CH 3:24 Ilmaan Eliiyooʼeenayi: Hoodayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yoohaanaan, Delaayaa fi Anaanii; isaan walumatti torba turan.
1CH 4:1 Ilmaan Yihuudaa: Faares, Hezroon, Karmii, Huurii fi Sobaal.
1CH 4:2 Reʼaayaan ilmi Sobaal abbaa Yahaatiiti; Yahaati immoo abbaa Ahuumaayii fi Laahadii ti. Isaan kunneen balbalawwan Zoraatotaa ti.
1CH 4:3 Ilmaan Eexaam kanneenii dha: Yizriʼeel, Yishmaa fi Yidbaashi. Obboleettiin isaanii immoo Hazelelphoonii jedhamti.
1CH 4:4 Phenuuʼeel abbaa Gedoor; Eezer immoo abbaa Huushaam. Isaan kunneen sanyii Huuri ilma Efraataa hangaftichaatii fi abbaa Beetlihem sanaa ti.
1CH 4:5 Ashihuur abbaan Teqooʼaa niitota lama kanneen Heelaa fi Naʼaraa jedhaman qaba ture.
1CH 4:6 Naʼaraan ilmaan Ahuzaam, Heefer, Teemenii fi Haaʼahashitaar jedhaman deesseef. Ilmaan Naʼaraa isaan kanneen turan.
1CH 4:7 Ilmaan Heelaa: Zeret, Zooharii fi Etnaan;
1CH 4:8 Qoosi abbaa Anuub, abbaa Hazobeebaa fi abbaa balbalawwan Ahariheel ilma Haaruumiti.
1CH 4:9 Yaabeex nama obboloota isaa caalaa ulfina qabu ture; haatii isaa, “Ani dhiphinaanan isa daʼe” jettee Yaabeex jettee isa moggaafte.
1CH 4:10 Yaabeex immoo akkana jedhee Waaqa Israaʼelitti iyyate; “Ati na eebbisi; biyya koos naaf balʼisi! Akka ani hin miidhamnee fi akka ani dhiphina jalaa baʼuuf harki kee na wajjin haa jiraatu.” Waaqnis waan inni kadhate sana ni kenneef.
1CH 4:11 Kiluub obboleessi Shuhaa abbaa Mihiirii ti; Mehiir immoo abbaa Eshitooniti.
1CH 4:12 Eshitoonis abbaa Beet Raafaan, abbaa Faasehaa fi Tehiinaa ti; Tahiinaan immoo abbaa Iir Naahaashii ti. Isaan kunneen namoota Reekaa ti.
1CH 4:13 Ilmaan Qenaz: Otniiʼeelii fi Seraayaa. Ilmaan Otniiʼeel: Hataatii fi Maʼoonotaayi.
1CH 4:14 Meʼoonotaayi abbaa Ofraa ti. Seraayaan abbaa Yooʼaabii ti; Yooʼaab immoo abbaa Gee Haraashiimii ti. Maqaan kun sababii isaan ogummaa hojii harkaa qabaniif kennameef.
1CH 4:15 Ilmaan Kaaleb ilma Yefunee: Iiruu, Eelaa fi Naʼaam. Ilmi Eelaa: Qenaz.
1CH 4:16 Ilmaan Yehaleliʼeel: Ziifii, Ziifaa, Tiiriyaa fi Asareel.
1CH 4:17 Ilmaan Izraa: Yeteer, Mered, Eeferii fi Yaaloon. Niitota Mered keessaa isheen tokko Miiriyaam, Shamaayii fi Yishibaa abbaa Eshtimoʼaa sana deesse.
1CH 4:18 Niitiin isaa dubartiin Yihuudaa sunis Yaared abbaa Gedoor, Hebeer abbaa Sookooniitii fi Yequutiiʼeel abbaa Zaanoʼaa deesse. Isaan kunneen ijoollee Bitiyaa intala Faraʼoon kan Mered fuudhe sanaa ti.
1CH 4:19 Ilmaan niitiin Hoodiyaa obboleettiin Naham sun deesse: Abbaa Qeyiilaa namicha Garmii sanaatii fi Eshtimoʼaa namicha Maʼakaa ti.
1CH 4:20 Ilmaan Simiʼoon: Amnoon, Riinaa, Ben-Haanaanii fi Tiiloon. Ilmaan Yishiʼii: Zoheetii fi Ben-Zoheetii ti.
1CH 4:21 Ilmaan Sheelaa ilma Yihuudaa: Eer abbaa Leekaa, Laʼadaa abbaa Maareeshaatii fi balbalawwan Beet Ashibeeʼaatti warra wayyaa quncee talbaa haphii hojjetanii.
1CH 4:22 Yooqiim, namoota Koozeebaa, Yooʼaashii fi Saaraaf isa Moʼaabii fi Yaashubiileheem bulchu. Barreeffamni kunneenis kan bara durii ti.
1CH 4:23 Isaanis suphee dhooftuu Nexaayiimii fi Gedeeraa keessa jiraatan turan; jarri kun mootichaaf hojjechaa achi jiraatu ture.
1CH 4:24 Ilmaan Simiʼoon: Nemuuʼeel, Yaamiin, Yaariib, Zeraa fi Shaawul;
1CH 4:25 Shaluum ilma Saaʼuul ture; Mibsaam ilma Shaluumiti; Mishmaa immoo ilma Mabsaamiti.
1CH 4:26 Ilmaan Mishmaa: Ilma isaa Hamuuʼeel, ilma isaa Zakuurii fi ilma isaa Shimeʼii.
1CH 4:27 Shimeʼiin ilmaan kudha jaʼaa fi intallan jaʼa qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee hedduu hin qaban ture; sababii kanaaf balbalawwan isaanii hundinuu akka gosa Yihuudaa baayʼee hin turre.
1CH 4:28 Isaanis Bersheebaa, Molaadaa, Hazar Shuuʼaal,
1CH 4:29 Bilihaa, Ezem, Toolaad,
1CH 4:30 Betuuʼeel, Hormaa, Siiqlaag,
1CH 4:31 Beet Markaabot, Hazar Susiim, Beet Biirii fi Shaʼarayiim keessa jiraatan. Magaalaawwan kunneen hamma bara mootummaa Daawitiitti magaalaawwan isaanii turan.
1CH 4:32 Akkasumas gandoota Eexaam, Ayin, Reemoon, Tookkenii fi Ashaan jechuunis magaalaa shananii fi
1CH 4:33 gandoota naannoo isaaniitti argaman hunda keessa hamma Baʼaaliitti jiraatu ture.
1CH 4:34 Meshoobaab, Yamleek, Yooshaa ilma Amasiyaa,
1CH 4:35 Yooʼeel, Yehuu ilma Yooshibiyaa, ilma Seraayaa, ilma Asiiʼeel,
1CH 4:36 akkasumas Eliiyooʼeenayi, Yaaʼiqoobaa, Yashoohayaa, Asaayaa, Aadiiʼeel, Yesiimiʼeel, Benaayaa,
1CH 4:37 Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaaʼiyaa.
1CH 4:38 Namoonni maqaan isaanii kanaa olitti himame kunneen hooggantoota balbala isaanii turan. Baayʼinni maatii isaaniis akka malee dabalaa dhufe;
1CH 4:39 isaanis bushaayee isaaniitiif lafa dheedaa barbaacha hamma moggaa Gedoor kan gama baʼa sululaa jiru sanaatti deeman.
1CH 4:40 Isaanis naannoo sanatti lafa dheedaa gabbataa fi gaarii argatan; lafni sunis balʼaa, kan nagaa fi tasgabbii qabu ture. Bara durii gosoonni Haamii naannoo sana jiraachaa turan.
1CH 4:41 Namoonni maqaan isaanii dhaʼame kunneen bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa dhufan. Isaan akkuma hamma harʼaatti illee mulʼatu qubata Kaamotaatii fi Meʼuunoota achi jiraachaa turanii dhaʼanii guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Ergasiis sababii lafa dheedaa balʼaa bushaayee isaaniitiif argataniif lafa jaraa irra ni qubatan.
1CH 4:42 Simiʼoonota kanneen keessaa namoonni dhibba shan ilmaan Yishiʼii Phelaatiyaa, Naʼaariyaa, Refaayaa fi Uziiʼeel hoogganamanii biyya gaaraa Seeʼiir weeraran.
1CH 4:43 Isaanis Amaaleqoota miliqanii hafan balleessanii hamma harʼaatti achuma jiraatan.
1CH 5:1 Ruubeen Israaʼeliif ilma hangafa ture; taʼus sababii inni siree abbaa isaa xureesseef mirgi hangafummaa isaa ilmaan Yoosef ilma Israaʼel sanaatiif kenname. Kanaafuu inni akka mirga isaa kan dhalootaan argamuutti hidda dhalootaa keessatti hin galmeeffamne;
1CH 5:2 Yihuudaan obboloota isaa keessa nama jabaa fi kan mootummaan isa keessaa baʼe taʼu illee mirgi hangafummaa kan Yoosefii ti.
1CH 5:3 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henooki, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii.
1CH 5:4 Ilmaan Yooʼeel: Shemaaʼiyaa ilma isaa, Googi ilma isaa, Shimeʼii ilma isaa,
1CH 5:5 Miikaa ilma isaa, Reʼaayaa ilma isaa, Baʼaal ilma isaatii fi
1CH 5:6 Biʼeeraa ilma isaa kan mootiin Asoor Tiiglaat-Philneeser boojiʼee fudhatee dha. Beʼeeraan hoogganaa gosa Ruubeen ture.
1CH 5:7 Firoonni isaanii warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti balbala balbalaan galmeeffaman kanneenii dha: Yeʼiiʼeel hangafticha, Zakkaariyaas,
1CH 5:8 Beelaa ilma Aazaazi, ilma Shemaa, ilma Yooʼeel. Isaanis naannoo Aroʼeeri jalqabee hamma Neboo fi Baʼaal Meʼooniitti jiru keessa qubatan.
1CH 5:9 Isaanis sababii horiin isaanii Giliʼaadi keessatti baayʼateef karaa baʼa biiftuutiin hamma daarii gammoojjii kan gara laga Efraaxiisitti balʼatu sanaatti biyyattii qabatan.
1CH 5:10 Isaan jabana Saaʼol keessa Aggaariitti waraana kaasan; jarris harka isaaniitti moʼataman; isaanis iddoo jireenyaa warra Aggaar kan Giliʼaadiin gama baʼa biiftuu jiru guutumaan guutuutti qabatan.
1CH 5:11 Gosoonni Gaad isaanitti aananii Baashaan keessa lafa hamma Salkaatti argamu irra jiraatan; isaanis:
1CH 5:12 Yooʼeel hangaftichi, Shaafaam itti aanaan isaa, Yaʼinayii fi Shaafaax Baashaan keessa jiraatan.
1CH 5:13 Firoonni isaanii maatii maatiidhaan kanneenii dha: Miikaaʼel, Meshulaam, Shebaa, Yooraay, Yaakaan, Ziiʼaa fi Eeber; walumaa galatti torba turan.
1CH 5:14 Isaan kunneen immoo ilmaan Abiihaayil ilma Huuri, ilma Yaarokaa, ilma Giliʼaad, ilma Miikaaʼel, ilma Yeshiishaayi, ilma Yakedoo, ilma Buuzii ti.
1CH 5:15 Ahiin ilmi Abdiʼeel, hangafa maatii isaanii ture; Abdiʼeel immoo ilma Guunii ti.
1CH 5:16 Warri Gaad Giliʼaad keessa, Baashaanii fi gandoota daarii isheetti argaman, akkasumas lafa tikaa kan Shaaroon keessatti argaman hundaa fi qarqara isaa jiraatan.
1CH 5:17 Isaan kunneen hundi jabana Yootaam mootii Yihuudaa turee fi jabana Yerobiʼaam mootii Israaʼel ture keessa galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffaman.
1CH 5:18 Ruubeenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee namoota dandeettii lolaa qaban 44,760 qaban ture; isaanis namoota jajjaboo warra gaachanaa fi goraadee qabachuu dandaʼan, warra xiyya darbachuu dandaʼanii fi warra waraanaaf leenjifaman turan.
1CH 5:19 Jarri kunis warra Aggaariitti, warra Yexuuritti, Naafiishiittii fi Noodaabiitti waraana ni banan.
1CH 5:20 Sababii isaan waraana sana irratti gara Waaqaatti iyyatanii turaniif Waaqni isaan gargaaree warra Aggaariitii fi garee isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. Innis sababii isaan isa amanataniif kadhannaa isaaniitiif deebii kenne.
1CH 5:21 Isaanis horii warra Aggaar gaala kuma shan, hoolaa kuma dhibba lamaa fi shantamaa fi harree kuma lama saaman. Akkasumas nama kuma dhibba tokkoo boojiʼan;
1CH 5:22 sababii lolli sun kan Waaqaa tureef namoonni biraa baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma bara boojuutti biyya sana keessa ni jiraatan.
1CH 5:23 Walakkaan gosa Minaasee baayʼee turan; isaanis Baashaanii jalqabanii hamma Baʼaal Hermooniitti, hamma Seniir Tulluu Hermoonitti biyya sana keessa qubatan.
1CH 5:24 Isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti: Eefer, Yishiʼii, Eliiʼeel, Azriiʼeel, Ermiyaas, Hoodayiwaa fi Yadiiʼeel. Isaan kunneen loltoota gootota, namoota bebbeekamoo fi hangafoota maatii isaanii ti.
1CH 5:25 Isaan garuu Waaqa abbootii isaaniitiif amanamuu didanii waaqota saboota biyyattii wajjin sagaagalan; saboonni kunneenis warra Waaqni fuula isaanii duraa balleessee dha.
1CH 5:26 Kanaafuu Waaqni Israaʼel hafuura Fohaa mooticha Asoor jechuunis hafuura Phuuli kakaasee akka inni gosoota Ruubeen, kan Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee boojiʼu godhe. Innis warra kanneen gara Halaa, Haaboor, Haaraatii fi gara qarqara laga Goozaaniitti geesse; isaanis hamma harʼaatti achuma jiraatan.
1CH 6:1 Ilmaan Lewwii: Geershoon, Qohaatii fi Meraar.
1CH 6:2 Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
1CH 6:3 Ijoolleen Amraam: Aroon, Musee fi Miiriyaam. Ilmaan Aroon: Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
1CH 6:4 Eleʼaazaar abbaa Fiinehaas; Fiinehaas immoo abbaa Abiishuuwaa ti;
1CH 6:5 Abiishuuwaan abbaa Buukii ti; Bukiin immoo abbaa Uzii ti;
1CH 6:6 Uzii abbaa Zeraayaa ti; Zaraaʼiyaan abbaa Meraayootii ti;
1CH 6:7 Meraayoot abbaa Amariyaa ti; Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti;
1CH 6:8 Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; Zaadoq abbaa Ahiimaʼazii ti;
1CH 6:9 Ahiimaʼaz abbaa Azaariyaa ti; Azaariyaa abbaa Yoohaanaanii ti;
1CH 6:10 Yoohaanaan abbaa Azaariyaa ti; inni luba taʼee mana qulqullummaa kan Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajilaa ture.
1CH 6:11 Azaariyaa abbaa Amariyaa ti; Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti;
1CH 6:12 Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; Zaadoq abbaa Shaluumii ti;
1CH 6:13 Shaluum abbaa Hilqiyaa ti; Hilqiyaa abbaa Azaariyaa ti;
1CH 6:14 Azaariyaa abbaa Seraayaa ti; Seraayaan abbaa Yehoozaadaaqii ti.
1CH 6:15 Yeroo Waaqayyo akka sabni Yihuudaatii fi Yerusaalem Nebukadnezariin boojiʼamu godhetti Yehoozaadaaqis boojiʼamee fudhatame.
1CH 6:16 Ilmaan Lewwii: Geershoom, Qohaatii fi Meraarii.
1CH 6:17 Maqaan Ilmaan Geershoom kanaa dha: Loobeenii fi Shimeʼii.
1CH 6:18 Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
1CH 6:19 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii.
1CH 6:20 Balbala Geershoom keessaa: Ilma isaa Loobeen, ilma isaa Yahaati, ilma isaa Zimaati,
1CH 6:21 ilma isaa Yooʼaa, ilma isaa Iddoo, ilma isaa Zeraa fi ilma isaa Yeʼaateraayi.
1CH 6:22 Ilmaan Qohaati: Ilma isaa Amiinaadaab, ilma isaa Qooraahi, ilma isaa Asiir,
1CH 6:23 ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Ebiyaasaaf, ilma isaa Asiir,
1CH 6:24 ilma isaa Tahaat, ilma isaa Uuriiʼeel, ilma isaa Uziyaa fi ilma isaa Shaawul.
1CH 6:25 Ilmaan Elqaanaa: Amaasaayi, Ahiimooti,
1CH 6:26 ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Zoofayi, ilma isaa Naahat,
1CH 6:27 ilma isaa Eliiyaab, ilma isaa Yeroohaam, ilma isaa Elqaanaa fi ilma isaa Saamuʼeel.
1CH 6:28 Ilmaan Saamuʼeel: Ilma isaa Yooʼeel hangaftichaa fi ilma isaa lammaffaa Abiyaa.
1CH 6:29 Ilmaan Meraarii: Mahilii, ilma isaa Loobeen, ilma isaa Shimeʼii, ilma isaa Uzaa,
1CH 6:30 ilma isaa Shimeʼaa, ilma isaa Hagiyaa fi ilma isaa Asaayaa.
1CH 6:31 Namoonni erga taabonni dhufee achi boqotee booddee Daawit akka isaan faarfannaadhaan mana Waaqayyoo keessa tajaajilaniif muude kanneenii dha.
1CH 6:32 Isaanis hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaretti dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii duratti faarfannaadhaan tajaajilaa turan. Isaanis akkuma seera isaaniif kenname sanaatti hojii isaanii hojjechaa turan.
1CH 6:33 Maqaan namoota ilmaan isaanii wajjin tajaajilanii kanneenii dha: Ilmaan Qohaatotaa keessaa: Heemaan Faarfataa, ilma Yooʼeel, ilma Saamuʼeel,
1CH 6:34 ilma Elqaanaa, ilma Yeroohaam, ilma Eliiʼeel, ilma Tooʼaa,
1CH 6:35 ilma Zuufi, ilma Elqaanaa, ilma Mahat, ilma Amaasaayi,
1CH 6:36 ilma Elqaanaa, ilma Yooʼeel, ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa,
1CH 6:37 ilma Tahaat, ilma Asiir, ilma Ebiyaasaaf, ilma Qooraahi,
1CH 6:38 ilma Yizihaar, ilma Qohaati, ilma Lewwii, ilma Israaʼel;
1CH 6:39 akkasumas Asaaf obboleessi Heemaan karaa mirgaatiin dhaabata ture: Asaaf ilma Berekiyaa, ilma Shimeʼaa,
1CH 6:40 ilma Miikaaʼel, ilma Baʼaseeyaa, ilma Malkiyaa,
1CH 6:41 ilma Etnii, ilma Zeraa, ilma Adaayaa,
1CH 6:42 ilma Eetaan, ilma Zimaa, ilma Shimeʼii,
1CH 6:43 ilma Yahaati, ilma Geershoom, ilma Lewwii;
1CH 6:44 karaa bitaa isaatiin immoo warri isaan wajjin turan gosa Meraarii keessaa: Eetaan ilma Qiisaa, ilma Abdii, ilma Maluuk,
1CH 6:45 ilma Hashabiyaa, ilma Amasiyaa, ilma Hilqiyaa,
1CH 6:46 ilma Amzii, ilma Baanii, ilma Shemeer,
1CH 6:47 ilma Mahilii, ilma Muusii, ilma Meraarii, ilma Lewwii.
1CH 6:48 Obboloonni isaanii Lewwonni akka hojii dunkaana qulqulluu mana Waaqaa hunda hojjetaniif ramadamanii turan.
1CH 6:49 Aroonii fi ilmaan isaa garuu akkuma waan Museen garbichi Waaqaa sun ajajee ture hundaatti hojii Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatiif, sababii Israaʼeliitiifis araara buusuudhaaf iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutii fi iddoo aarsaa ixaanaa irratti aarsaawwan dhiʼeessaa turan.
1CH 6:50 Ilmaan Aroon kanneenii dha: Ilma isaa Eleʼaazaar, ilma isaa Fiinehaas, ilma isaa Abiishuuwaa,
1CH 6:51 ilma isaa Bukii, ilma isaa Uzii, ilma isaa Zeraayaa,
1CH 6:52 ilma isaa Meraayoot, ilma isaa Amariyaa, ilma isaa Ahiixuub,
1CH 6:53 ilma isaa Zaadoqii fi ilma isaa Ahiimaʼaz.
1CH 6:54 Sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef iddoowwan kunneen Aroonii fi ilmaan isaa kanneen balbala Qohaati keessaa dhufaniif ni kennaman; iddoowwan qubata isaanii kanneen akka biyya isaanii taʼaniif isaaniif ramadamanii dha:
1CH 6:55 Kebroon isheen biyya Yihuudaa keessaatii fi lafti dheedaa kan naannoo isheetti argamtu isaaniif ni kennaman.
1CH 6:56 Lafti qotiisaatii fi gandoonni naannoo Kebrooniitti argaman garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif ni kennaman.
1CH 6:57 Ilmaan Arooniif immoo magaalaawwan itti baqatan Kebroon, Libnaa, Yatiir, Eshtimoʼaa,
1CH 6:58 Hiileen, Debiir,
1CH 6:59 Ashaan, Yootaa fi Beet Shemeshitu lafa dheeda isaanii wajjin kenname.
1CH 6:60 Qooda gosa Beniyaam keessaa immoo Gibeʼoon, Gebaa, Alemetii fi Anaatootittu lafa dheeda isaanii wajjin ni kennameef.
1CH 6:61 Ilmaan Qohaati kanneen hafaniif immoo balbala walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaawwan kudhanitu ixaadhaan kennameef.
1CH 6:62 Ilmaan Geershoomiitiif immoo qooda Yisaakor irraa, qooda Aasheer irraa, qooda Niftaalemiitii fi qooda Minaasee kan Baashaanitti argamu irraa magaalaawwan kudha sadii akkuma gosa gosa isaaniitti kennaman.
1CH 6:63 Ilmaan Meraariitiif qooda gosa Ruubeen irraa, qooda gosa Gaadiitii fi qooda gosa Zebuuloon irraa magaalaawwan kudha lama akkuma balbala balbala isaaniitti ni kennaman.
1CH 6:64 Akkasiin Israaʼeloonni magaalaawwan kanneen lafa dheeda isaanii wajjin Lewwotaaf ni kennan.
1CH 6:65 Gosa Yihuudaa irraa, gosa Simiʼooniitii fi gosa Beniyaam irraa magaalaawwan maqaan isaanii armaan olitti dhaʼame sana ixaadhaan ni kennaniif.
1CH 6:66 Maatiiwwan Qohaati tokko tokkos qooda gosa Efreem keessaa magaalaawwan jireenyaa argatanii turan.
1CH 6:67 Biyya gaaraa Efreem keessatti magaalaawwan itti baqatan Sheekem, Geezir,
1CH 6:68 Yoqemiʼaam, Beet Horoon,
1CH 6:69 Ayaaloonii fi Gat Rimoon lafa dheeda isaanii wajjin kennaniif.
1CH 6:70 Akkasumas Israaʼeloonni walakkaa qooda gosa Minaasee irraa Aanerii fi Bileʼaam lafa dheeda isaanii wajjin balbalawwan Qohaati kanneen hafaniif ni kennan.
1CH 6:71 Ilmaan Geershoom immoo: Balbala walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan ishee Baashaan keessaa sanaa fi Ashtaaroti lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
1CH 6:72 gosa Yisaakor irraa Qaadesh, Daaberaati,
1CH 6:73 Raamootii fi Aanem lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
1CH 6:74 gosa Aasheer irraa Maashaal, Abdoon,
1CH 6:75 Huuqooqii fi Rehoob lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
1CH 6:76 gosa Niftaalem irraa immoo Qaadesh ishee Galiilaatti argamtu, Hamoonii fi Kiriyaataayimin lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
1CH 6:77 Namoonni gosa Meraarii jechuunis warri Lewwotaa kanneen hafan qooda kanaa gadii argatan: Gosa Zebuuloon irraa Yooqniʼaam, Qartaa, Rimoonii fi Taaboorin lafa dheeda isaanii wajjin argatan;
1CH 6:78 gosa Ruubeen kan baʼa Yerikootti Yordaanosiin gama jiru irraa Bezer ishee gammoojjii keessatti argamtu, Yaahizaa,
1CH 6:79 Qidemootii fi Meefiʼaati lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
1CH 6:80 Gosa Gaad irraa Raamooti ishee Giliʼaad keessaa, Mahanayiim,
1CH 6:81 Heshboonii fi Yaʼizeer lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
1CH 7:1 Ilmaan Yisaakor: Toolaa, Phuwaa, Yaashuubii fi Shimroon; walumatti nama afur turan.
1CH 7:2 Ilmaan Toolaa: Uzii, Refaayaa, Yiriiʼeel, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemuuʼeel; isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti. Bara mootummaa Daawit keessa ilmaan Toolaa warri hidda dhaloota isaaniitiin akka loltoota jajjabootti galmeeffaman nama 22,600 turan.
1CH 7:3 Ilma Uzii: Yizrahiyaa. Ilmaan Yizrahiyaa: Miikaaʼel, Obaadiyaa, Yooʼeelii fi Yishiyaa. Shanan isaanii iyyuu hangafoota turan.
1CH 7:4 Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture.
1CH 7:5 Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000:
1CH 7:6 Ilmaan Beniyaam sadan: Belaa, Bekerii fi Yediiʼeel.
1CH 7:7 Ilmaan Belaa: Esboon, Uzii, Uziiʼeel, Yeriimootii fi Iirii walumatti shan turan; hangafoonni mana abbootii isaaniis gootota jajjaboo turan; galmeen hidda dhaloota isaanii namoota 22,034 argisiisa.
1CH 7:8 Ilmaan Beker: Zemiiraa, Yooʼaash, Eliiʼezer, Eliiyooʼeenayi, Omrii, Yereemooti, Abiyaa, Anaatootii fi Alaameti. Isaan kunneen hundi ilmaan Beker turan.
1CH 7:9 Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan.
1CH 7:10 Ilmi Yediiʼeel: Bilihaan. Ilmaan Bilhaanii: Yeʼuushi, Beniyaam, Eehuud, Keniʼaanaa, Zeetaan, Tarshiishii fi Ahiishahar.
1CH 7:11 Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture.
1CH 7:12 Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti.
1CH 7:13 Ilmaan Niftaalemii: Yahiziiʼeel, Guunii, Yeexerii fi Shaluum; isaan kunneen sanyii Bilihaa ti.
1CH 7:14 Ilmaan Minaasee: Asriiʼeel kan saajjatoon isaa isheen Arraamii dhufte sun deesseef. Isheenis Maakiir abbaa Giliʼaad deesse.
1CH 7:15 Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture.
1CH 7:16 Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman.
1CH 7:17 Ilmi Uulaam: Bedaan. Isaan kunneen ilmaan Giliʼaadii ilma Maakiirii, ilma Minaasee sanaa ti.
1CH 7:18 Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse.
1CH 7:19 Ilmaan Shemiidaa immoo: Ahiiyaan, Sheekem, Likihii fi Aniyaam turan.
1CH 7:20 Ilmaan Efreem: Shuutelaa, ilma isaa Bereed, ilma isaa Tahaat, ilma isaa Eleʼaadaa, ilma isaa Tahaat,
1CH 7:21 ilma isaa Zaabaadii, ilma isaa Shuutelaa. Eezerii fi Eliʼaad yeroo loon warra Gaati kanneen achi jiraatan sanaa boojiʼuuf gad buʼanitti harka jaraatiin ni ajjeefaman.
1CH 7:22 Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan.
1CH 7:23 Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef.
1CH 7:24 Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha.
1CH 7:25 Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa, Teelaa ilma isaa, Taahan ilma isaa,
1CH 7:26 Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa, Eliishaamaa ilma isaa,
1CH 7:27 Nuuni ilma isaatii fi Iyyaasuu ilma isaa.
1CH 7:28 Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture.
1CH 7:29 Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan.
1CH 7:30 Ilmaan Aasheer: Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaanii immoo Seraa jedhamti.
1CH 7:31 Ilmaan Beriiyaa: Hebeerii fi Malkiiʼeel abbaa Birzaawitii.
1CH 7:32 Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti.
1CH 7:33 Ilmaan Yaafleex: Phaasaak, Biimihaalii fi Ashwaati.
1CH 7:34 Ilmaan Shemeer: Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Arraam.
1CH 7:35 Ilmaan obboleessa isaa Heelem: Zoofaa, Yimnaa, Sheleeshii fi Aamaal.
1CH 7:36 Ilmaan Zoofaa: Suuwaa, Harnefer, Shuuʼaali, Beerii, Yimraa,
1CH 7:37 Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa.
1CH 7:38 Ilmaan Yeteer: Yefunee, Fiisiphaa fi Eraa.
1CH 7:39 Ilmaan Ulaa: Aaraa, Haniiʼeelii fi Riiziyaa.
1CH 7:40 Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan.
1CH 8:1 Beniyaam ilma isaa hangafa Belaa, ilma isaa lammaffaa Ashbeel, ilma isaa sadaffaa Aharaa,
1CH 8:2 ilma isaa afuraffaa Nohaa fi ilma isaa shanaffaa Raafaa dhalche.
1CH 8:3 Ilmaan Belaa: Adaar, Geeraa, Abiihuud,
1CH 8:4 Abiishuuwaa, Naʼamaan, Ahooʼaa,
1CH 8:5 Geeraa, Shefuufaanii fi Huuraam.
1CH 8:6 Isaan kun ilmaan Eehuudii kanneen hangafoota maatiiwwan warra Gebaa keessa jiraatanii boojuudhaan Maanahatitti geeffamaniiti:
1CH 8:7 Naʼamaan, Ahiiyaa fi Geeraa; Geeraan kun abbaa Uzaa fi Ahiihudii ti; namni boojuudhaan fuudhee isaan geesses isa ture.
1CH 8:8 Shaharaayim erga niitota isaa Hushiimii fi Baʼaraa of jalaa ariʼee booddee Moʼaab keessatti ilmaan dhalche.
1CH 8:9 Niitii isaa Hoodesh irraa Yoobaab, Zibiyaa, Meeshaa, Maalkaam,
1CH 8:10 Yeʼuuxi, Saakiyaa fi Miirmaa dhalche; isaan kunneen ilmaan isaa warra hangafoota maatii turanii dha.
1CH 8:11 Niitii isaa Hushiim irraa immoo Abiituubii fi Elphaʼal dhalche.
1CH 8:12 Ilmaan Elphaʼalii: Eeber, Mishaam, shemedi isa magaalaawwan Oonooniitii fi Lood gandoota naannoo ishee jiran wajjin ijaare;
1CH 8:13 Beriiyaa fi Shemaa kanneen hangafoota maatiiwwan warra Ayaaloon keessa jiraatan sanaa taʼanii jiraattota Gaatii ariʼanii biyyaa baasanii dha.
1CH 8:14 Ahiiyoon, Shaashaaq, Yereemooti,
1CH 8:15 Zebaadiyaan, Aaraad, Ederi,
1CH 8:16 Miikaaʼel, Yishiphaa fi Yoohaan ilmaan Beriiyaa turan.
1CH 8:17 Zebaadiyaan, Meshulaam, Hizqii, Hebeer,
1CH 8:18 Yishimraay, Yizliyaa fi Yoobaab ilmaan Elphaʼalii turan.
1CH 8:19 Yaaqiim, Zikriin, Zabdiin,
1CH 8:20 Eliiʼeenaayi, Ziletaayi, Eliiʼeel,
1CH 8:21 Adaayaa, Beraayaa fi Shiimraat ilmaan Shimeʼii turan.
1CH 8:22 Yishiphaan, Eeber, Eliiʼeel,
1CH 8:23 Abdoon, Zikriin Haanaan,
1CH 8:24 Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiiyaa,
1CH 8:25 Yifdeyaa fi Phenuuʼeel ilmaan Shaashaaq turan.
1CH 8:26 Shamisheraayi, Shehaariyaa, Ataaliyaa,
1CH 8:27 Yaʼireshiyaa, Eeliyaasii fi Zikriin ilmaan Yiroohamii turan.
1CH 8:28 Isaan kunneen hundi akkuma hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti abbootii maatiitii fi hangafoota turan; isaanis Yerusaalem keessa jiraatu ture.
1CH 8:29 Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture; maqaan niitii isaa Maʼakaa dha.
1CH 8:30 Ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab,
1CH 8:31 Gedoor, Ahiiyoo, Zekeerii fi
1CH 8:32 Miiqlooti abbaa Shimeʼaa turan; isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
1CH 8:33 Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
1CH 8:34 Ilmi Yoonaataan: Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
1CH 8:35 Ilmaan Miikaa: Phiitoon, Meleek, Taareʼaa fi Aahaaz.
1CH 8:36 Aahaaz abbaa Yihoʼaadaa ti; Yihooʼadaan abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti.
1CH 8:37 Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Raafaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
1CH 8:38 Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen hundi ilmaan Aazeelii ti.
1CH 8:39 Ilmaan obboleessa isaa Eseeqii: Ilmi isaa hangafni Uulaam, ilmi isaa lammaffaan Yeʼuushi, ilmi isaa sadaffaan Eliiphelexi.
1CH 8:40 Ilmaan Uulaam loltoota jajjaboo xiyyaan loluu dandaʼan turan. Isaanis ilmaanii fi ilmaan ilmaanii hedduu walumatti nama 150 qabu turan. Isaan kunneen hundi ilmaan Beniyaam turan.
1CH 9:1 Israaʼeloonni hundinuu akkuma hidda dhaloota isaaniitti kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffaman. Sabni Yihuudaa sababii cubbuu isaatiif boojiʼamee Baabilonitti geeffame.
1CH 9:2 Warri jalqabatti deebiʼanii lafaa fi magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan Israaʼeloota tokko tokko, luboota, Lewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa ti.
1CH 9:3 Saboonni Yihuudaa, kan Beniyaamii, kan Efreemii fi kan Minaasee warri Yerusaalem keessa jiraachaa turan:
1CH 9:4 Uutaayi ilma Amiihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii ilmaan Faares ilma Yihuudaa.
1CH 9:5 Shelaanota keessaa: Asaayaa ilma isaa hangaftichaa fi ilmaan isaa.
1CH 9:6 Zaaraahota keessaa: Yeʼuuʼeel.
1CH 9:7 Beniyaamota keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Hoodayiwaa, ilma Hasenuuʼaa;
1CH 9:8 Bineeyaa ilma Yirooham; Eelaa ilma Uzii, ilma Mikrii; Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilmaa Reʼuuʼeel, ilma Yibniyaa.
1CH 9:9 Sabni Beniyaam akka galmee hidda dhaloota isaanii irratti galmeeffametti nama 956 ture. Namoonni kunneen hundi hangafoota maatii isaanii turan.
1CH 9:10 Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa; Yehooyaariib; Yaakiin;
1CH 9:11 Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub qondaalticha itti gaafatamaa mana Waaqaa taʼe sanaa.
1CH 9:12 Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaa; Maʼasaayi ilma Aadiiʼeel, ilma Yahizeeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshileemiit, ilma Imeer.
1CH 9:13 Baayʼinni luboota abbootii maatii turaniis 1,760 ture. Isaan kunneen namoota dandeettii qaban kanneen tajaajila mana Waaqaa keessatti itti gaafatamtoota taʼanii dha.
1CH 9:14 Lewwota keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuubii, ilma Azriiqaamii, ilma Hashabiyaa namicha gosa Meraarii sanaa;
1CH 9:15 Baqbaqar, Hereesh, Gaalaalii fi Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaafi;
1CH 9:16 Obaadiyaa ilma Shemaaʼiyaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun; Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa kan gandoota Netoofotaa keessa jiraachaa ture sana.
1CH 9:17 Eegdota balbalaa: Shaluum, Aquub, Talmoon, Ahiimanii fi obboloota isaanii; Shaluum hangafa gosa isaanii ture;
1CH 9:18 innis hamma ammaatti Karra Mootii kan gama baʼaa biiftuutti ramadameera. Isaan kunneen eegdota balbala qubata Lewwotaa turan.
1CH 9:19 Shaluum ilmi Qooraahi ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahiitii fi maatiin isaa jechuunis gosti Qoraahii kanneen isa wajjin karra eegan sun akkuma abbootiin isaanii dur itti gaafatamtoota balbala mana bultii Waaqayyoo turan sana isaanis itti gaafatamtoota balbala dunkaanaa taʼan.
1CH 9:20 Bara durii keessa Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar sun dura buʼaa eegdota balbalaa ture; Waaqayyos isa wajjin ture.
1CH 9:21 Zakkaariyaas ilmi Mesheleemiyaa immoo eegduu balbala dunkaana wal gaʼii ture.
1CH 9:22 Namoonni akka balbala eeganiif filataman walumatti 212 turan. Isaanis akkuma hidda dhaloota isaaniitti gandoota isaanii keessatti galmeeffaman. Eegdota balbalaa kanneenis Daawitii fi Saamuʼeel raajichatu hojii isaaniitti isaan ramade.
1CH 9:23 Isaanii fi sanyiiwwan isaanii itti gaafatamtoota eegumsa karra mana Waaqayyoo jechuunis manicha Dunkaana jedhamu sanaa turan.
1CH 9:24 Eegdonni balbalaa kunneen qixa afraniin jechuunis karaa baʼa biiftuu, karaa lixa biiftuu, karaa kaabaatii fi kibbaatiin turan.
1CH 9:25 Obboloonni isaaniis yeroo yerootti gandoota isaanii keessaa dhufanii bultii torba torba hojii isaan gargaaraa turan.
1CH 9:26 Dura buutota eegdota balbalaa kanneen Lewwota turan afran garuu itti gaafatamummaa kutaalee fi qabeenya mana Waaqaa keessaatu itti kenname.
1CH 9:27 Isaanis sababii manicha eeguu qabaniif halkan halkan naannoo mana Waaqaa dhaabatanii bulu turan; ganama ganamas manicha banuuf itti gaafatamummaa qabu turan.
1CH 9:28 Isaan keessaa namoonni tokko tokko toʼattoota miʼa mana qulqullummaa keessatti fayyaduu turan; isaanis miʼa kana yeroo inni gad baafamuu fi yeroo inni ol galfamu ni lakkaaʼu ture.
1CH 9:29 Warri kaan immoo akka miʼoota mana qulqullummaa, daakuu isaa, daadhii wayinii isaa, zayitii isaa, ixaana isaatii fi urgooftuuwwan eeganiif ramadaman.
1CH 9:30 Luboota keessaa tokko tokko immoo urgooftuuwwan walitti makanii qopheessu ture.
1CH 9:31 Lewwicha Matiitiyaa jedhamu, ilma Shaluum namicha gosa Qooraahi hangaftichatti immoo itti gaafatamummaa buddeena aarsaa tolchuutu kenname.
1CH 9:32 Obboloota isaanii Qohaatota tokko tokkotti immoo itti gaafatamummaa buddeena guyyaa Sanbataa hunda minjaala irra kaaʼamu qopheessuutu kenname.
1CH 9:33 Faarfattoonni abbootii maatiiwwani Lewwotaa turan immoo waan halkanii fi guyyaa itti gaafatamummaa hojii qabaniif kutaa mana qulqullummaa keessaa hin baʼan; hojii biraattis hin waamaman ture.
1CH 9:34 Isaan kunneen hundinuu abbootii maatiiwwan Lewwotaa hangafoota gosaa kanneen akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffamanii dha; isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
1CH 9:35 Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture. Maqaan niitii isaa Maʼakaa dha;
1CH 9:36 ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab,
1CH 9:37 Gedoor, Ahiiyoo, Zakkaariyaas fi Miiqlooti.
1CH 9:38 Miiqlooti abbaa Shimeʼaam. Isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
1CH 9:39 Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
1CH 9:40 Ilmi Yoonaataan: Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
1CH 9:41 Ilmaan Miikaa: Phiitoon, Meleek, Tahireeʼaa fi Aahaaz.
1CH 9:42 Aahaaz abbaa Yaʼiraa ti; Yaʼiraan immoo abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti.
1CH 9:43 Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Refaayaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
1CH 9:44 Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen ilmaan Aazeelii ti.
1CH 10:1 Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
1CH 10:2 Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
1CH 10:3 Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii isa madeessan.
1CH 10:4 Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii natti taphatuu” jedhe. Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe.
1CH 10:5 Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee duʼe.
1CH 10:6 Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; warri mana isaa hundinuus walumaan dhuman.
1CH 10:7 Israaʼeloonni sulula keessa turan hundi yommuu akka loltoonni baqatan, akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
1CH 10:8 Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti akka Saaʼolii fi ilmaan isaa Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
1CH 10:9 Isaanis erga hidhata Saaʼolii hiikkatanii mataa isaan irraa kutanii booddee akka isaan waaqota tolfamoo fi namoota isaaniitti oduu gaarii labsaniif guutummaa Filisxeemiitti ergamoota ni ergan.
1CH 10:10 Ergasii immoo miʼa lolaa isaa mana waaqota tolfamoo isaanii keessa, mataa isaa immoo mana Daagon waaqicha tolfamaa sanaa keessatti ni fannisan.
1CH 10:11 Jiraattonni Yaabeesh Giliʼaad hundi yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
1CH 10:12 namoonni jajjaboon isaanii hundi dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa guuranii gara Yaabeeshitti ni fidan. Ergasii immoo reeffa isaanii muka guddaa Yaabeesh keessaa tokko jalatti awwaalan; guyyaa torbas ni sooman.
1CH 10:13 Saaʼol sababii Waaqayyoof amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii Waaqayyootiif hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate;
1CH 10:14 Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Kanaaf Waaqayyo isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne.
1CH 11:1 Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
1CH 11:2 Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyoo Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
1CH 11:3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit Mooticha bira dhufanitti, inni Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale. Isaanis akkuma Waaqayyo karaa Saamuʼeeliin abdachiise sanatti dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
1CH 11:4 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu gara Yerusaalemitti jechuunis Yebuusiitti ni qajeelan. Yebuusonni achi jiraatan garuu
1CH 11:5 Daawitiin, “Ati as hin seentu” jedhan. Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon jechuunis Magaalaa Daawit ni qabate.
1CH 11:6 Daawitis, “Namni duraan dursee dhaqee Yebuusota lolu ajajaa loltootaa taʼa” jedhee ture. Yooʼaab ilmi Zeruuyaa jalqabatti baʼe; kanaafuu inni ajajaa waraanaa taʼe.
1CH 11:7 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana keessa godhate; kanaafuu daʼannoon sun Magaalaa Daawit jedhamee waamame.
1CH 11:8 Innis Miiloodhaa jalqabee naannoo isheetti dallaa dhagaa ni ijaare; Yooʼaab immoo kutaa Magaalaa sanaa kan hafe deebisee ijaare.
1CH 11:9 Daawitis sababii Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
1CH 11:10 Namoota Daawit warra jajjaboo keessaa hangafoonni kanneenii dha; isaanis akkuma Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbate sanatti mootii isa gochuuf jedhanii saba Israaʼel hunda wajjin mootummaa isaa keessatti gargaarsa guddaa godhaniif.
1CH 11:11 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yaashobiʼaam namichi gosa Hakmooni hangafa ajajjoota sanaa ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba sadii fixe.
1CH 11:12 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar namicha gosa Ahooʼaa, ilma Doodoo ture; innis namoota jajjaboo sadan sana keessaa tokko ture.
1CH 11:13 Eleʼaazaar yeroo Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanii turanitti Daawit wajjin Phaas Damiim ture. Loltoonnis lafa qotiisaa kan garbuudhaan guutame tokko biratti Filisxeemota duraa baqatan.
1CH 11:14 Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; Waaqayyos moʼannaa guddaa isaaniif kenne.
1CH 11:15 Utuma gareen Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessa qubatee jiruu hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara kattaa holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
1CH 11:16 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
1CH 11:17 Daawitis dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
1CH 11:18 Kanaafuu namoonni Sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
1CH 11:19 Innis, “Akka ani waan kana hin goone Waaqni narraa haa fageessu! Ani dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqan kanaa nan dhugaa?” jedhe. Sababii isaan lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqanii fidaniif Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
1CH 11:20 Abiishaayi obboleessi Yooʼaab hoogganaa Sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota Sadan sanaa beekamaa taʼe.
1CH 11:21 Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu warra Sadan caalaa ulfina argatee ajajaa isaanii taʼe.
1CH 11:22 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
1CH 11:23 Namicha biyya Gibxi kan dhundhuma shan dheeratu tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo akka danqaraa wayya dhooftuu harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe. Innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
1CH 11:24 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
1CH 11:25 Inni namoota Soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
1CH 11:26 Namoonni jajjaboon sunis kanneenii dha: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan namicha Beetlihem ilma Doodoo,
1CH 11:27 Shamoot namicha gosa Haroor, Heleez namicha gosa Pheloonaa,
1CH 11:28 Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa, Abiiʼezer nama Anaatoot,
1CH 11:29 Siibekaay nama biyya Hushaa, Iilaayi nama Ahooʼaa,
1CH 11:30 Maharaayi nama Netoofaa, Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa,
1CH 11:31 gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay, namicha Gibeʼaa, Benaayaa nama Phiraatoon,
1CH 11:32 Huuraayi namicha sululoota Gaʼaash, Abiiʼeel namicha biyya Arbaa,
1CH 11:33 Azmaawet namicha Baharuum, Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon,
1CH 11:34 ilmaan Haasheem namicha Gizoon, Yoonaataan ilma Shaagee namicha Haraaraa,
1CH 11:35 Ahiiʼaam ilma Saakaar namicha Haraaraa, Eliifaal ilma Uuri,
1CH 11:36 Heefer namicha Mekeeraataa, Ahiiyaa namicha Pheloonaa,
1CH 11:37 Hezroo nama Qarmeloos, Naʼaraayi ilma Ezbayi,
1CH 11:38 Yooʼeel obboleessa Naataanii, Mibehaar ilma Hagrii,
1CH 11:39 Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana,
1CH 11:40 Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
1CH 11:41 Uuriyaa namicha Heet, Zaabaad ilma Ahilayi,
1CH 11:42 Aadiinaa ilma Shiizaa namicha gosa Ruubeen, inni hoogganaa Ruubeenotaatii fi kan namoota Soddomman isa wajjin turanii ti;
1CH 11:43 Haanaan ilma Maʼakaa, Yooshaafaaxi namicha Miitinaa,
1CH 11:44 Uziyaa namicha Ashteraati, Shaamaaʼii fi Yeʼiiʼeel ilmaan Hootaam namicha Aroʼeer,
1CH 11:45 Yediʼyaaʼeel ilma Shimrii, obboleessa isaa Yoohaa namicha Tiizii,
1CH 11:46 Eliiʼeel namicha Mahawaa, Yeriibaayii fi Yooshabiyaa ilmaan Elnaʼam, Yitmaa namicha Moʼaab,
1CH 11:47 Eliiʼeel, Oobeedii fi Yaʼisiiʼel namicha Mezoobaa.
1CH 12:1 Namoonni kunneen warra yeroo inni sababii Saaʼol ilma Qiish sanaatiif asii fi achi sochoʼuu dadhabetti Siiqlaagitti gara Daawit dhufanii dha. Isaanis loltoota jajjaboo kanneen lola irratti isa gargaaran keessaa tokkoo dha;
1CH 12:2 isaan warra iddaa qabatanii harka mirgaatiin yookaan harka bitaatiin xiyya darbachuu yookaan dhagaa furrisuu dandaʼanii dha; isaanis gosa Beniyaam keessaa warra Saaʼoliif firootaa dhiigaa taʼanii dha.
1CH 12:3 Ahiiʼezer hangafa isaanii ture; sana booddee immoo Yooʼaashitu ture; lamaan isaanii iyyuu ilmaan Shemaaʼaa namicha Gibeʼaa sanaa turan. Ilmaan Azmaawet Yiziiʼeelii fi Phelet, Beraakiyaa, Yehuu namicha Anaatoot,
1CH 12:4 Yishmaʼiyaa namichi Gibeʼoonii sun jara Soddomman keessaa nama jabaa fi hoogganaa Soddomman isaanii ture; Ermiyaas, Yahiziiʼeel, Yoohaanaan, Yoozaabaad namicha Gedeeraa,
1CH 12:5 Elʼuuzay, Yeriimooti, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaaxiyaa namicha Haruufaa,
1CH 12:6 Elqaanaa, Yishiyaa, Azariʼeel, Yoozerii fi Yaashobiʼaam jarreen gosa Qooraahi,
1CH 12:7 Yooʼelaa fi Zebaadiyaa ilmaan Yeroohaam namicha Gedoor.
1CH 12:8 Yeroo Daawit gammoojjiitti daʼoo keessa turetti namoonni gosa Gaad tokko tokko dhufanii isaatti ni dabalaman. Isaanis loltoota ciccimoo gaachanaa fi eeboo qabachuu dandaʼan kanneen waraanaaf qophaaʼan turan. Fuulli isaanii fuula leencaa fakkaata ture; isaan akkuma kuruphee tulluu gubbaa saffistoota turan.
1CH 12:9 Eezer hoogganaa isaanii ture; Obaadiyaan lamaffaa, Eliiyaab sadaffaa,
1CH 12:10 Mishmanaan afuraffaa, Ermiyaas shanaffaa,
1CH 12:11 Ataayi jaʼaffaa, Eliiʼeel torbaffaa,
1CH 12:12 Yoohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa,
1CH 12:13 Ermiyaas kurnaffaa, Makibanaayi kudha tokkoffaa ture.
1CH 12:14 Jarreen gosa Gaad kunneen ajajjoota loltootaa turan; isaan keessaa inni xinnaan akka ajajaa nama dhibbaatti, inni guddaan immoo akka ajajaa nama kumaatti hedama ture.
1CH 12:15 Warri jiʼa jalqabaatti yeroo lagni Yordaanos guutee ededa isaa hunda irra dhangalaʼutti ceʼanii akka namoonni sululicha keessa jiraachaa turan gara baʼa biiftuutii fi gara lixa biiftuutti baqatan godhan namootuma kanneen turan.
1CH 12:16 Namoonni Beniyaamiitii fi Yihuudaa tokko tokkos Daawit bira gara daʼannoo isaa ni dhufan.
1CH 12:17 Daawitis isaan simachuudhaaf gad baʼee akkana jedheen; “Isin yoo na gargaaruudhaaf jettanii nagaadhaan dhuftanii jiraattan, ani ofitti isin dabalachuudhaaf qophaaʼaa dha. Garuu yoo isin utuu harki koo yakka hin hojjetin diinota kootti dabarsitanii na kennuudhaaf dhuftanii jiraattan, Waaqni abbootii keenyaa ilaalee murtii haa kennu.”
1CH 12:18 Ergasiis Hafuurri Qulqulluun Amaasaayi hoogganaa namoota Soddomman sanaa irra buʼe; innis akkana jedhe: “Yaa Daawit, nu kan kee ti! Yaa ilma Isseey, nu suma wajjin jirra! Milkaaʼi, milkaaʼi; warri si gargaaranis haa milkaaʼan; Waaqni kee si gargaaraatii.” Kanaafuu Daawit isaan simatee dura deemtota loltoota isaa isaan godhate.
1CH 12:19 Yeroo Daawit Saaʼolin loluuf jedhee Filisxeemota wajjin duuletti namoonni Minaasee tokko tokko fottoqanii gara Daawititti ni goran. Inni garuu sababii bulchitoonni Filisxeem mariʼatanii of irraa isa ariʼaniif innii fi namoonni isaa Filisxeemota hin gargaarre. Isaanis, “Yoo inni nu dhiisee gara gooftaa isaa gara Saaʼol deebiʼe wanni kun nu ficcisiisa” jedhanii turaniitii.
1CH 12:20 Yeroo Daawit gara Siiqlaag deemetti namoonni Minaasee warri fottoqanii gara isaa goran kanneenii dha: Adinaahi, Yoozaabaad, Yediiʼeel, Miikaaʼel, Yoozaabaad, Eliihuu fi Ziletaayi; isaan kunneen gosa Minaasee keessatti ajajjuuwwan kumaa turan.
1CH 12:21 Isaanis balaa buuftota dhaʼuu irratti Daawitin ni gargaaran; hundi isaanii loltoota jajjaboo fi ajajjoota loltoota isaa turaniitii.
1CH 12:22 Hamma inni loltoota guddaa akka loltoota Waaqaa qabaatutti, namoonni Daawitin gargaaruudhaaf guyyaa guyyaadhaan gara isaa dhufaa ture.
1CH 12:23 Baayʼinni namoota lolaaf hidhatanii akkuma Waaqayyo dubbatee turetti mootummaa Saaʼol gara Daawitiitti dabarsuudhaaf jedhanii Daawit bira gara Kebroonii dhufanii kanneenii dha:
1CH 12:24 Namoonni Yihuudaa kanneen gaachanaa fi eeboo qabatanii lolaaf qophaaʼan 6,800;
1CH 12:25 namoonni Simiʼoonii loltoonni waraanaaf qophaaʼan 7,100;
1CH 12:26 namoonni Lewwii 4,600;
1CH 12:27 Yehooyaadaan hoogganaa maatii Aroon ture; namoonni 3,700 isa wajjin turan;
1CH 12:28 Zaadoq dargaggeessa loltuu jagnaa sanaa fi maatii isaa keessaa ajajjoota waraanaa 22;
1CH 12:29 namoonni Beniyaam kanneen firoota Saaʼolii taʼan 3,000; isaan keessaas hedduun isaanii hamma yeroo sanaatti mana Saaʼoliitiif amanamoo turan;
1CH 12:30 namoonni Efreem warri lolatti ciccimoo fi balbala isaanii keessatti bebeekamoo taʼan 20,800;
1CH 12:31 walakkaa gosa Minaasee keessaa namoonni Daawitin mootii gochuudhaaf maqaan isaanii galmaaʼee dhufan 18,000;
1CH 12:32 namoota Yisaakor keessaa warra haala yeroo hubatanii waan Israaʼeloonni gochuu qaban beekan hangafoota 200, firoota isaanii kanneen isaan jalatti bulan hunda wajjin;
1CH 12:33 namoota Zebuuloon keessaa loltoonni muuxannoo qaban warri meeshaa lolaa kamiin iyyuu loluuf qophaaʼan kanneen Daawitin gargaaruuf garaan isaanii tokko taʼe 50,000;
1CH 12:34 namoota Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000; namoota gaachanaa fi eeboo qabatan 37,000 wajjin;
1CH 12:35 namoota Daan kanneen lolaaf qophaaʼan 28,600;
1CH 12:36 namoota Aasheer keessaa loltoonni muuxannoo qaban kanneen lolaaf qophaaʼan 40,000;
1CH 12:37 gama baʼa Yordaanosiitii namoota Ruubeen, namoota Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota miʼa lolaa kan gosa hundaa hidhatan 120,000.
1CH 12:38 Isaan kunneen hundinuu loltoota waraana keessa tajaajiluudhaaf of kennanii dha. Isaanis Israaʼel hunda irratti Daawitin mootii gochuuf kutatanii gara Kebroon ni dhufan. Israaʼeloonni hafan hundinuus Daawitin mootii gochuuf yaaduma tokko qabu turan.
1CH 12:39 Namoonnis sababii maatiin isaanii waan hunda isaaniif qopheessaniif nyaachaa dhugaa guyyaa sadii Daawit wajjin achi turan.
1CH 12:40 Akkasumas olloonni isaanii kanneen hamma Yisaakoriitti, Zebuuloonittii fi Niftaalemiitti jiran harrootatti, gaalawwanitti, gaangolii fi sangootatti nyaata feʼanii fidanii ni dhufan. Sababii Israaʼel keessa gammachuun guddaan tureefis daakuun, bixxilleen ija harbuutii fi bixxilleen ija wayinii, daadhiin wayinii, zayitiin, loonii fi hoolonni akka malee baayʼeen dhiʼeeffamanii turan.
1CH 13:1 Daawit ajajjoota isaa hunda ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa wajjin ni mariʼate.
1CH 13:2 Ergasii inni yaaʼii Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaatee fi yoo fedhii Waaqayyo Waaqa keenyaa taʼe, kottaa mee akka isaan dhufanii nutti dabalamaniif obboloota keenya kanneen guutummaa biyya Israaʼel keessatti hafanitti akkasumas lubootaa fi Lewwota isaan wajjin magaalaawwanii fi lafa dheeda isaanii keessa jiraatanitti ergaa haa erginu.
1CH 13:3 Taabota Waaqa keenyaa deebifnee haa fidannu; nu bara mootummaa Saaʼol keessa isa hin barbaaneetii.”
1CH 13:4 Sababii wanni kun saba hundatti waan qajeelaa fakkaateef guutummaan yaaʼii sanaa waan kana gochuudhaaf walii gale.
1CH 13:5 Kanaafuu Daawit taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii fiduudhaaf Israaʼeloota Laga Shihoorii kan biyya Gibxiitti argamuu jalqabee hamma karra Hamaatiitti jiran hunda walitti qabe.
1CH 13:6 Daawitii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqa kiirubeelii gidduu teessoo irra jiru sanaa jechuunis taabota Maqaa Waaqayyootiin waamamu sana achii fiduuf jedhanii gara Baʼaalaa jechuunis gara Kiriyaati Yeʼaariim ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
1CH 13:7 Isaanis taabota Waaqaa sana gaarii haaraatti feʼanii mana Abiinaadaabiitii ni baasan; Uzaa fi Ahiiyoon gaarii sana oofaa turan.
1CH 13:8 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Waaqaa duratti gammadanii shuubbisaa.
1CH 13:9 Yommuu isaan oobdii Kiidoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan taabota sana qabuuf harka isaa hiixate.
1CH 13:10 Sababii Uzaan taabota irra harka isaa kaaʼeef dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; innis isa rukute; kanaafuu inni achumatti fuula Waaqaa duratti ni duʼe.
1CH 13:11 Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
1CH 13:12 Daawitis gaafa sana Waaqa sodaatee, “Ani akkamittan taabota Waaqaa gara mana kootti fiduu dandaʼa?” jedhee gaafate.
1CH 13:13 Innis akka taabonni isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti hin fudhanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse.
1CH 13:14 Taabonni Waaqaas jiʼa sadii maatii Oobeed Edoom wajjin mana isaa keessa ture; Waaqayyos warra mana isaa jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise.
1CH 14:1 Yeroo kanatti Huuraam mootiin Xiiroos akka isaan Daawitiif masaraa mootummaa ijaaraniif ergamoota wajjin muka birbirsaa, warra dhagaa soofanii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban gara Daawititti erge.
1CH 14:2 Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka mootummaan isaas sababii saba Israaʼeliif akka malee guddate ni beeke.
1CH 14:3 Daawitis Yerusaalem keessatti niitota dabalee fuudhee ilmaanii fi intallan dabalataa dhalche.
1CH 14:4 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis: Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
1CH 14:5 Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
1CH 14:6 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
1CH 14:7 Eliishaamaa, Beeliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
1CH 14:8 Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee isaanitti baʼe.
1CH 14:9 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim weeraran;
1CH 14:10 kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqa ni gaafate. Waaqayyos, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
1CH 14:11 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa gara Baʼaal Pheraaziim ol baʼan; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqni harka kootiin diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
1CH 14:12 Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti ni dhiisan; Daawit immoo akka waaqonni sun ibiddaan gubaman ni ajaje.
1CH 14:13 Filisxeemonni amma illee deebiʼanii sulula sana weeraran;
1CH 14:14 kanaafuu Daawit ammas Waaqa gaafate; Waaqnis akkana jedhee deebiseef; “Qajeelumatti itti ol hin baʼin; garuu isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
1CH 14:15 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen loluuf baʼi; Waaqni loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
1CH 14:16 Kanaafuu Daawit akkuma Waaqni isa ajaje sana ni godhe; isaanis Gibeʼoonii jalqabanii hamma Geeziritti loltoota Filisxeem ni dhaʼan.
1CH 14:17 Akkasiin maqaan Daawit biyya hunda keessatti beekame; Waaqayyos akka saboonni hundinuu isa sodaatan godhe.
1CH 15:1 Daawit erga ofii isaatiif Magaalaa Daawit keessatti mana ijaarratee booddee taabota Waaqaatiif lafa qopheessee dunkaana dhaabe.
1CH 15:2 Ergasiis Daawit, “Waan Waaqayyo akka isaan taabota Waaqaa baatanii bara baraan fuula isaa dura tajaajilaniif isaan filateef, Lewwota malee namni biraa taabota Waaqayyoo hin baatin” jedhee ajaje.
1CH 15:3 Daawitis taabota Waaqayyoo iddoo qopheesseef sanatti fiduuf Israaʼeloota hunda Yerusaalemitti walitti qabe.
1CH 15:4 Innis sanyiiwwan Aroonii fi Lewwota walitti waame; isaanis:
1CH 15:5 Ilmaan Qohaati keessaa, Uuriiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 120;
1CH 15:6 ilmaan Meraarii keessaa, Asaayaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 220;
1CH 15:7 ilmaan Geershoom keessaa, Yooʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 130;
1CH 15:8 ilmaan Eliisaafaan keessaa, Shemaaʼiyaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 200;
1CH 15:9 ilmaan Kebroon keessaa, Eliiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 80;
1CH 15:10 ilmaan Uziiʼeel keessaa, Amiinaadaab hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 112.
1CH 15:11 Ergasiis Daawit luboota jechuunis Saadoqii fi Abiyaataar akkasumas Lewwota jechuunis Uuriiʼeel, Asaayaa, Yooʼeel, Shemaaʼiyaa, Eliiʼeelii fi Amiinaadaabin ni waame;
1CH 15:12 akkanas isaaniin jedhe; “Isin hangafoota maatiiwwan Lewwotaa ti; isinii fi Lewwonni akka keessanii of qulqulleessaa; ergasiis taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel gara iddoo ani qopheesseefitti fidaa.
1CH 15:13 Sababii isin Lewwonni yeroo jalqabaatti taabota sana hin fidiniif Waaqayyo Waaqni keenya nutti dheekkame. Nu akka seerri ajajutti isa hin barbaaddanneetii.”
1CH 15:14 Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel sana fiduuf of qulqulleessan.
1CH 15:15 Lewwonni akkuma kan Museen dubbii Waaqayyootiin ajajetti taabota Waaqaa sana danqaraadhaan gatiittii isaaniitti ni baatan.
1CH 15:16 Daawitis akka isaan meeshaa muuziiqaatiin jechuunis kiraaraan, baganaa fi kililleedhaan faarfannaa gammachuu faarfataniif akka isaan obboloota isaanii muudaniif Lewwota dura deemtotatti ni hime.
1CH 15:17 Kanaafuu Lewwonni Heemaan ilma Yooʼeel muudatan; obboloota isaa keessaa immoo Asaaf ilma Berekiyaa, obboloota isaanii gosa Meraarii keessaa Eetaan ilma Qushaayaa ni muuddatan;
1CH 15:18 isaan wajjinis obboloota isaanii kanneen isaanitti aannan: Zakkaariyaas, Yaʼaziiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaab, Benaayaa, Maʼaseyaa, Matiitiyaa, Eliipheleehuu, Miiqneyaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel eegdota balbalaa turan.
1CH 15:19 Faarfattoonni Heemaan, Asaafii fi Eetaan jedhaman akka kilillee naasiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii faarfannaa dhageessisaniif ni muudaman;
1CH 15:20 Zakkaariyaas, Aziiʼeel Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaabi, Maʼaseyaanii fi Benaayaa immoo akka seera alamootiitti kiraaraan faarfatu ture;
1CH 15:21 akkasumas Matiitiyaan, Eliipheleehuu, Miiqneyaan, Oobeed Edoom, Yeʼiiʼeel, Azaaziyaan akka seera shiimiiniitiitti baganaa taphatu ture.
1CH 15:22 Kenaaniyaan hangaftichi Lewwotaa itti gaafatamaa faarfannaa ture; innis itti gaafatamummaa kana sababii ogummaa isaa qabuuf fudhate.
1CH 15:23 Berekiyaa fi Elqaanaan eegdota balbala taabotaa turan.
1CH 15:24 Luboonni jechuunis, Shebaniyaan, Yooshaafaaxi, Naatnaaʼel, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Benaayaanii fi Eliiʼezer fuula taabota Waaqaa duratti malakata afuufu ture. Oobeed Edoomii fi Yehiyaan immoo eegdota balbala taabotaa turan.
1CH 15:25 Kanaafuu Daawitii fi maanguddoonni Israaʼel akkasumas ajajjuuwwan kumaa gammachuudhaan taabota kakuu Waaqayyoo sana mana Oobeed Edoomiitii fiduu dhaqan.
1CH 15:26 Isaanis sababii Waaqni Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baatan gargaareef korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa godhan.
1CH 15:27 Daawitis wandaboo haphii quncee talbaa irraa hojjetame kan akka uffata Lewwonni taabota sana baatan, kan akka faarfattoonnii fi Kenaaniyaan qajeelchaan faarfannaa faarfattootaa uffatan sanaa uffatee ture. Daawitis dirata quncee talbaa irraa hojjetames uffatee ture.
1CH 15:28 Akkasiinis Israaʼel hundi gaanfa korbeessa hoolaatii fi malakata afuufaa, kilillee dhageessisaa, kiraaraa fi baganaadhaan sirbaa taabota kakuu Waaqayyoo sana ni fidan.
1CH 15:29 Yeroo taabonni kakuu Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi shuubbisee gammadu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.
1CH 16:1 Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan.
1CH 16:2 Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise.
1CH 16:3 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.
1CH 16:4 Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate;
1CH 16:5 isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture;
1CH 16:6 Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.
1CH 16:7 Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana Waaqayyoof faarfataniif jalqabatti ajaja kenne:
1CH 16:8 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
1CH 16:9 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
1CH 16:10 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
1CH 16:11 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
1CH 16:12 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
1CH 16:13 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
1CH 16:14 Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
1CH 16:15 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
1CH 16:16 inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
1CH 16:17 Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera; innis:
1CH 16:18 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee, siif nan kenna” jedhe.
1CH 16:19 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
1CH 16:20 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
1CH 16:21 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
1CH 16:22 “Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
1CH 16:23 Lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
1CH 16:24 Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
1CH 16:25 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
1CH 16:26 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
1CH 16:27 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi gammachuunis iddoo jireenya isaa jiru.
1CH 16:28 Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
1CH 16:29 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa. Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa.
1CH 16:30 Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa! Addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
1CH 16:31 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; isaan saboota gidduutti, “Waaqayyo moʼeera!” haa jedhan.
1CH 16:32 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu; dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadani!
1CH 16:33 Mukkeen bosonaa haa faarfatan; isaan gammachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti muruudhaaf ni dhufaatii.
1CH 16:34 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
1CH 16:35 Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo, Fayyisaa keenya, ati nu baasi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi.”
1CH 16:36 Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Kana irratti namni hundinuu, “Ameen; Waaqayyo haa galatoomu” jedhe.
1CH 16:37 Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti isaan dhiise.
1CH 16:38 Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.
1CH 16:39 Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Waaqayyoo qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise;
1CH 16:40 kunis isaan akkuma waan Seera Waaqayyoo kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof akka dhiʼeessaniif.
1CH 16:41 Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii Waaqayyoof galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture.
1CH 16:42 Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.
1CH 16:43 Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.
1CH 17:1 Daawit erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee booddee Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni kakuu Waaqayyoo garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
1CH 17:2 Naataan immoo deebisee Daawitiin, “Waaqni si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
1CH 17:3 Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
1CH 17:4 “Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼi miti.
1CH 17:5 Ani gaafan Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani dunkaana tokkoo irraa gara isa kaaniitti, iddoo bultii tokkoo irraa gara iddoo bultii isa kaaniitti darbaan ture.
1CH 17:6 Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu hooggantoota akka isaan saba koo eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
1CH 17:7 “Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf, lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.
1CH 17:8 Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii nan godha.
1CH 17:9 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi akka isaan siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;
1CH 17:10 akka yeroo ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan; ani diinota kee hundas siifin garboomsa. “ ‘Ani akka Waaqayyo mana siif ijaaru sittin hima:
1CH 17:11 Yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii keetti dabalamuuf dhaqxutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee keessaa, ilmaan kee keessaa tokko nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.
1CH 17:12 Kan mana naaf ijaaru isa; anis teessoo isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.
1CH 17:13 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Ani akka namicha si dura ture sana irraa fudhadhe, jaalala koo gonkumaa isa irraa hin fudhadhu.
1CH 17:14 Ani mana koo fi mootummaa koo irratti bara baraan isa nan muuda; teessoon isaas bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ”
1CH 17:15 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
1CH 17:16 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, kan ati asiin na geesse, ani eenyu? Maatiin koos maali?
1CH 17:17 Yaa Waaqi, ati akka waan wanni kun fuula kee duratti quubsaa hin taʼiniitti ilaaltee waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duraa illee dubbatte. Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati akka waan ani nama hunda caalaa kabajamaa taʼeetti na ilaalte.
1CH 17:18 “Waan ati garbicha kee ulfeessiteef Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Ati garbicha kee ni beektaatii.
1CH 17:19 Yaa Waaqayyo, ati sababii garbicha keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana goote; akka waadaawwan gurguddaan kunneenis beekaman gooteerta.
1CH 17:20 “Yaa Waaqayyo, kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
1CH 17:21 Sabni akka saba kee Israaʼel kan Waaqni saba lafa irra jiraatu keessaa saba tokkicha ofii isaatiif furachuu fi ofii keetiitiifis maqaa tolfachuuf jettee fuula saba keetii duraa saboota ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa hojjechuudhaaf baʼe, kan ati Gibxii baafte sanaa tokko iyyuu jiraa?
1CH 17:22 Ati saba kee Israaʼelin bara baraan kan ofii keetii goote; Yaa Waaqayyo, ati Waaqa isaanii taateerta.
1CH 17:23 “Ammas yaa Waaqayyo, waadaan ati garbicha keetii fi mana isaatiif galte sun bara baraan jabaatee haa dhaabatu. Ati akkuma waadaa galte sana raawwadhu;
1CH 17:24 kunis akka maqaan kee jabaatee dhaabatee, bara baraanis guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Israaʼel irratti Waaqa; inni Waaqa Israaʼel!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
1CH 17:25 “Yaa Waaqa ko, ati akka mana isaaf ijaartu garbicha keetti mulʼifteerta. Kanaafuu garbichi kee si kadhachuudhaaf ija jabina argateera.
1CH 17:26 Yaa Waaqayyo, ati Waaqa! Ati waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.
1CH 17:27 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee taʼeera; yaa Waaqayyo sababii ati isa eebbifteef, inni bara baraan ni eebbifama.”
1CH 18:1 Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; Gaatii fi gandoota naannoo ishee jiranis harka Filisxeemotaatii baase.
1CH 18:2 Daawit Moʼaabotas ni moʼate; isaanis isa jalatti bulanii gibira fidaniif.
1CH 18:3 Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii dhaabbachuu dhaqetti, hamma Hamaatiitti deemee Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate.
1CH 18:4 Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
1CH 18:5 Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis, Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe.
1CH 18:6 Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate; warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Waaqayyos Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
1CH 18:7 Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer harkatti qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide.
1CH 18:8 Daawit magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Xibihaatii fi Kuuni naasii akka malee baayʼee fudhate; Solomoon immoo Gaanii naasii, utubaawwanii fi miʼoota naasii garaa garaa naasii sana irraa hojjete.
1CH 18:9 Tooʼuun mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate dhagaʼetti,
1CH 18:10 akka inni sababii ol aantummaa Daawit Mootichi waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii Hadooraamin gara isaatti erge; Hadaadezer Tooʼuu wajjin wal waraanaa tureetii. Adooraamis kennaa gosa hundaa warqee irraa, meetii fi naasii irraa hojjetaman fideef.
1CH 18:11 Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase.
1CH 18:12 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixe.
1CH 18:13 Innis Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. Waaqayyos lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne.
1CH 18:14 Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
1CH 18:15 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture;
1CH 18:16 Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Shaafisaan immoo barreessaa ture;
1CH 18:17 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; ilmaan Daawit immoo mootichatti aananii qondaaltota hangafoota turan.
1CH 19:1 Ergasiis Naahaash mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
1CH 19:2 Daawitis, “Sababii abbaan isaa naa arjoomeef anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawit gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge. Yommuu namoonni Daawit dhaamsa gaddaa itti himuuf Haanuun bira biyya Amoonotaa dhaqanitti,
1CH 19:3 qondaaltonni Amoonotaa Haanuuniin, “Ati sababii Daawit akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Ergamoonni isaa biyyattii qorachuu, basaasanii qabachuuf gara kee dhufan mitii?” jedhan.
1CH 19:4 Kanaafuu Haanuun namoota Daawit sana qaqqabee rifeensa irraa haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge.
1CH 19:5 Daawit yommuu namni tokko dhufee waaʼee namoota sanaa isatti himetti, sababii isaan akka malee qaanaʼaniif ergamoota gara isaaniitti erge. Mootichis “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen.
1CH 19:6 Amoononni yommuu akka Daawit isaan xireeffate hubatanitti Haanuunii fi Amoononni Phaadaan Arraamii, Araamaʼaakaa fi Zoobaadhaa gaariiwwan kireeffachuuf meetii taalaantii kuma tokko ni ergan.
1CH 19:7 Isaanis gaariiwwan kuma soddomii lamaa fi ooftota gaariiwwanii, akkasumas mootii Maʼakaatii fi loltoota isaa kanneen dhufanii Meedebaa bira qubatan sana kireeffatan; Amoononni immoo magaalaawwan isaaniitii walitti qabamanii waraanatti ni qajeelan.
1CH 19:8 Daawit yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge.
1CH 19:9 Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa isaanii irratti waraanaaf hiriiran; mootonni dhufan sun immoo kophaa isaanii dirree irra turan.
1CH 19:10 Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase.
1CH 19:11 Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti ni hiriirse; isaanis Amoonotatti duulan.
1CH 19:12 Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani sin gargaara.
1CH 19:13 Jabaadhaa saba keenyaa fi magaalaawwan Waaqa keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. Waaqayyos waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.”
1CH 19:14 Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan.
1CH 19:15 Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis fuula obboleessa isaa Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Yerusaalemitti deebiʼe.
1CH 19:16 Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti ergamoota erganii namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiisan; Shoofaki ajajaan loltoota Hadaadezer sun isaan hoogganaa ture.
1CH 19:17 Daawitis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabee Yordaanos ceʼe; innis dursee dhaqee fuula isaanii duraan toora lolaa ni qabate. Daawitis warra Sooriyaa waraanuuf loltoota isaa hiriirse; namoonni Sooriyaas ni lolaniin.
1CH 19:18 Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawitis namoota gaarii waraanaa oofan kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoofaki illee ni ajjeese.
1CH 19:19 Tajaajiltoonni Hadaadezeriis yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti Daawit wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan. Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu hin feene.
1CH 20:1 Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti Yooʼaab humnoota waraanaa qajeelchee biyya Amoonotaa barbadeesse; ergasiis dhaqee Rabbaa marse; Daawit garuu Yerusaalemitti hafe. Yooʼaabis Raabbaa waraanee daaraa ishee godhe.
1CH 20:2 Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture; gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Innis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee
1CH 20:3 namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.
1CH 20:4 Ergasii immoo lafa Geezir jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni baname. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa sun Siifaay namicha gosa tokko Refaayin ajjeese; Filisxeemonnis ni bulaniif.
1CH 20:5 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaaʼiir sun Lahemii obboleessa Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu qabu sanaa ni ajjeese.
1CH 20:6 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture. Innis sanyii Raafaa keessaa dhalate.
1CH 20:7 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis Yoonaataan ilmi Shimeʼaa obboleessi Daawit isa ajjeese.
1CH 20:8 Isaan kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha; isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.
1CH 21:1 Seexanni Israaʼelitti kaʼee akka Daawit saba Israaʼel lakkaaʼuuf isa kakaase.
1CH 21:2 Kanaafuu Daawit Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaatiin, “Dhaqaatii Bersheebaadhaa hamma Daaniitti Israaʼeloota lakkaaʼaa. Ergasii immoo akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf deebiʼaatii natti himaa” jedhe.
1CH 21:3 Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo loltoota isaa dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu. Yaa gooftaa koo mooticha, isaan hundi garboota gooftaa kootiif bulan mitii? Gooftaan koo maaliif waan kana gochuu barbaade? Inni maaliif Israaʼelitti yakka fida?” jedhe.
1CH 21:4 Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabin yaada geeddarachiise; kanaafuu Yooʼaab achii baʼee guutummaa Israaʼel keessa naannaʼee Yerusaalemitti deebiʼe.
1CH 21:5 Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii Daawititti hime; namoota Yihuudaa keessa jiraatan kuma dhibba afurii fi torbaatama dabalatee namoota goraadee qabachuu dandaʼan miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkootu guutummaa Israaʼel keessa ture.
1CH 21:6 Sababii ajajni mootichaa Yooʼaabin jibbisiiseef inni gosoota Lewwiitii fi Beniyaam itti dabalee hin lakkoofne.
1CH 21:7 Ajajni kun fuula Waaqaa durattis waan hamaa ture; kanaafuu inni Israaʼelin rukute.
1CH 21:8 Kana irratti Daawit Waaqaan, “Ani waan kana gochuudhaan akka malee cubbuu hojjedheera. Amma garuu akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
1CH 21:9 Waaqayyos Gaad raajii Daawit sanaan akkana jedhe;
1CH 21:10 “Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna. Akka ani isa sitti fiduuf, isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi.”
1CH 21:11 Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Filannoo kee addaan baafadhu:
1CH 21:12 Beela waggaa sadii yookaan jiʼa sadii fuula diinota keetii dura ariʼamuu fi goraadee isaaniitiin balleeffamuu yookaan guyyaa goraadee Waaqayyoo sadii jechuunis guyyoota dhaʼichi biyyattiitti buʼee ergamaan Waaqayyoo kutaa Israaʼel hunda balleessu.’ Egaa amma waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteeffadhu.”
1CH 21:13 Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa akka malee guddaa taʼeef ani harka Waaqayyoo seenuu naaf wayya; garuu akka ani harka namaa seenu na hin godhin” jedhe.
1CH 21:14 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti dhaʼicha ergee namoonni Israaʼel kuma torbaatama ni dhuman.
1CH 21:15 Waaqni akka inni Yerusaalem balleessuuf ergamaa isaa tokko erge. Garuu utuma ergamaan Waaqayyoo sun Yerusaalemin balleessuuf qophaaʼaa jiruu Waaqayyo balaa sana argee gaabbee ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo sun oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa bira dhaabachaa ture.
1CH 21:16 Daawitis ol ilaalee ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifamee Yerusaalemitti diriirfame harka isaatti qabatee samii fi lafa gidduu dhaabachaa jiru tokko ni arge. Daawitii fi maanguddoonni wayyaa gaddaa uffatanii fuula isaa duratti addaan lafatti ni gombifaman.
1CH 21:17 Daawit immoo Waaqaan, “Namni akka loltoonni lakkaaʼaman godhe ana mitii? Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Yaa Waaqayyo Waaqa koo harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu; garuu akka dhaʼichi kun saba kee irra turu hin godhin” jedhe.
1CH 21:18 Ergasii ergamaan Waaqayyoo akka Daawit ol baʼee oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaaru akka inni Daawititti himu Gaadin ajaje.
1CH 21:19 Kanaafuu Daawit dubbii Gaad maqaa Waaqayyootiin isatti hime sanaaf ajajamee ol baʼe.
1CH 21:20 Ornaan utuu qamadii dhaʼuutti jiruu ol jedhee ergamaa Waaqayyoo sana arge; ilmaan isaa warri isa wajjin turan afranis ni dhokatan.
1CH 21:21 Ergasii Daawit achi gaʼe; Ornaanis yommuu milʼatee isa argetti oobdii sana keessaa baʼee fuula Daawit duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
1CH 21:22 Daawitis, “Ani akka isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee akkasiin dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf oobdii kee naaf kenni. Gatii isaa guutuutti natti gurguri” jedheen.
1CH 21:23 Ornaanis Daawitiin, “Fudhadhu! Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu haa godhu. Kunoo ani aarsaa gubamuuf sangoota, qoraaniif ulee ittiin midhaan dhaʼan, kennaa midhaan dhiʼeeffamuufis qamadii nan kenna; ani waan kana hunda nan kenna” jedhe.
1CH 21:24 Daawit Mootichi garuu Ornaadhaan, “Kun hin taʼu; ani gatii isaa guutuu siifin kenna. Ani waan kan kee taʼe Waaqayyoof hin fudhadhu yookaan waan gatii na hin baasisin aarsaa gubamuuf hin dhiʼeessu” jedhe.
1CH 21:25 Kanaafuu Daawit gatii lafa sanaa Ornaadhaaf warqee saqilii dhibbaa jaʼa kafale.
1CH 21:26 Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Innis Waaqayyoon ni waammate; Waaqayyos samiidhaa ibiddaan iddoo aarsaa gubamuu irratti isaaf deebii kenne.
1CH 21:27 Sana booddee Waaqayyo ergamaa isaa sanatti dubbate; innis goraadee isaa manʼee isaatti ni deebise.
1CH 21:28 Daawit yeroo sanatti akka Waaqayyo oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti deebii isaa kenne ni hubate; achittis aarsaa ni dhiʼeesse.
1CH 21:29 Dunkaanni Waaqayyoo kan Museen gammoojjiitti hojjetee fi iddoon aarsaa gubamuu Gibeʼoon keessa gaara sagadaa irra ture.
1CH 21:30 Daawit garuu sababii goraadee ergamaa Waaqayyoo sodaateef achi dhaqee fuula iddoo aarsaa sanaa duratti Waaqa kadhachuu hin dandeenye.
1CH 22:1 Ergasii Daawit, “Kun mana Waaqayyo Waaqaa ti; kun immoo iddoo aarsaa, aarsaan gubamu Israaʼeliif itti dhiʼeeffamuu dha” jedhe.
1CH 22:2 Kanaafuu Daawit akka alagoonni Israaʼel keessa jiraatan walitti qabaman ajaje; isaan keessaas akka isaan ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif dhagaa soofame qopheessaniif warra dhagaa cabsan ni filate.
1CH 22:3 Inni mismaara ittiin hundaa balbalaa hojjetanii fi miʼa ittiin walitti qabsiisan hojjechuudhaaf sibiila akka malee baayʼee fi naasii madaalliin isaa hamma hin qabne ni kenne.
1CH 22:4 Daawitis sababii warri Siidoonaatii fi warri Xiiroos birbirsa akka malee baayʼee isaaf fidaniif birbirsa baayʼinni isaa lakkaaʼamuu hin dandeenye ni kenne.
1CH 22:5 Daawit akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon ijoollee dha; muuxannoo illee hin qabu. Manni Waaqayyoof ijaaramu kun immoo ulfina qabeessa, kan gurra qabuu fi kan fuula saboota hundaa duratti akka malee miidhagu taʼuu qaba. Kanaafuu ani isaaf qophii nan godha.” Akkasiin Daawit utuu hin duʼin qophii guddaa godhe.
1CH 22:6 Ergasii Daawit ilma isaa Solomoonin waamee akka inni Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana ijaaru isa ajaje.
1CH 22:7 Daawitis Solomooniin akkana jedhe: “Yaa ilma ko, ani Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana ijaaruu yaadee ture.
1CH 22:8 Garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: ‘Ati dhiiga baayʼee dhangalaafteerta; lola hedduus lolteerta. Ati sababii fuula koo duratti dhiiga baayʼee lafa irratti dhangalaafteef Maqaa kootiif mana hin ijaartu.
1CH 22:9 Kunoo ilmi tokko siif ni dhalata; innis nama boqonnaa ni taʼa; anis diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda irraa boqonnaa nan kennaaf. Maqaan isaas Solomoon jedhama; ani bara mootummaa isaa keessa Israaʼeliif nagaa fi tasgabbii nan kenna.
1CH 22:10 Namni Maqaa kootiif mana ijaaru isa. Inni ilma naaf taʼa; anis abbaa nan taʼaaf. Teessoo mootummaa isaas Israaʼel irratti bara baraan jabeessee nan dhaaba.’
1CH 22:11 “Egaa yaa ilma ko, akkuma inni waaʼee kee dubbate sanatti akka mana Waaqayyo Waaqa keetii ijaaruun siif milkaaʼuuf Waaqayyo si wajjin haa taʼu.
1CH 22:12 Akka ati yommuu inni Israaʼel irratti aangoo siif kennutti seera Waaqayyo Waaqa keetii eegduuf Waaqayyo ogummaa fi hubannaa siif haa kennu.
1CH 22:13 Akkasiin ati yoo ajajaa fi seera Waaqayyo karaa Museetiin Israaʼeliif kenne sana akka gaariitti eegde ni milkoofta. Jabaadhu; onnoomis. Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin.
1CH 22:14 “Kunoo, ani ijaarsa mana Waaqayyootiif warqee taalaantii kuma dhibba tokko, meetii taalaantii miliyoona tokko, naasii fi sibiila akka malee baayʼee kan madaalamuu hin dandeenye, mukaa fi dhagaa illee qopheessuu irratti akka malee dadhabeera. Atis itti dabaluu ni dandeessa.
1CH 22:15 Ati hojjettoota hedduu qabda; isaanis: warra dhagaa cabsan, warra mana dhagaa ijaaranii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban, akkasumas namoota ogummaa hojii gosa gosaa,
1CH 22:16 kan hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, ogeeyyii hojii harkaa warra lakkoobsi isaanii hin beekamne qabda. Egaa amma hojii jalqabi; Waaqayyos si wajjin haa taʼu.”
1CH 22:17 Ergasii Daawit akka isaan ilma isaa Solomoon gargaaraniif dura buutota Israaʼel hunda ni ajaje.
1CH 22:18 Akkanas isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin jira mitii? Inni gama hundaan boqonnaa isiniif kenneera mitii? Inni jiraattota biyya kanaa dabarsee natti kenneeraatii; biyyattiinis Waaqayyoo fi saba isaatiif garboomteerti.
1CH 22:19 Amma Waaqayyo Waaqa keessan barbaaduuf garaa fi lubbuu keessan guutuudhaan kutadhaa kaʼaa. Akka taabota kakuu Waaqayyootii fi miʼoota qulqulluu kan Waaqaa fiddanii mana qulqullummaa kan Maqaa Waaqayyootiif ijaaramuuf jiru sanatti galchitaniif mana Waaqayyo Gooftaa ijaaruu jalqabaa.”
1CH 23:1 Daawit erga waggaa hedduu jiraatee dulloomee booddee ilma isaa Solomoonin Israaʼel irratti mootii godhe.
1CH 23:2 Akkasumas Daawit dura buutota Israaʼel hunda, lubootaa fi Lewwota illee walitti qabe.
1CH 23:3 Lewwonni umuriin isaanii waggaa soddomaa fi hammasii olii ni lakkaaʼaman; baayʼinni dhiirotaa kuma soddomii saddeet taʼe.
1CH 23:4 Daawitis akkana jedhe; “Isaan kanneen keessaa kuma digdamii afur hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo haa toʼatan; namoonni kuma jaʼa qondaaltotaa fi abbootii murtii haa taʼan.
1CH 23:5 Kumni afur eegdota balbalaa haa taʼan; kumni afur immoo miʼoota faarfannaa kanneen ani kaayyoo kanaaf kenneen Waaqayyoon haa galateeffatan.”
1CH 23:6 Daawitis Lewwota akkuma gosoota Lewwiitti garee gareen gargar ni qoode; isaanis: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
1CH 23:7 Gosa Geershoon keessaa: Laʼadaanii fi Shimeʼii.
1CH 23:8 Ilmaan Laʼadaanii: Yehiiʼeel hangafticha, Zeetaamii fi Yooʼeel; walumatti nama sadii turan.
1CH 23:9 Ilmaan Shimeʼii: Sheloomot, Haziiʼeelii fi Haaraan; walumatti nama sadii turan. Isaan kunneen hangafoota Maatii Laʼadaan turan.
1CH 23:10 Ilmaan Shimeʼii: Yahaati, Ziinaa, Yeʼuushii fi Beriiyaa. Isaan kunneen ilmaan Shimeʼii ti; walumatti nama afur turan.
1CH 23:11 Yahaati hangafa; Ziinaan lammaffaa; Yeʼuushii fi Beriiyaan garuu ilmaan baayʼee hin qaban; kanaafuu isaan akkuma maatii tokkootti lakkaaʼaman.
1CH 23:12 Ilmaan Qohaatii: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel; walumatti nama afur turan.
1CH 23:13 Ilmaan Amraam: Aroonii fi Musee. Aroon akka innii fi sanyiin isaa wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼan Waaqaaf qulqulleessaniif, akka fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessaniif, akka fuula isaa dura tajaajilanii fi akka maqaa isaatiin eebba labsaniif bara baraan addaan baafaman.
1CH 23:14 Ilmaan Musee nama Waaqaa immoo gosa Lewwiitti dabalamanii lakkaaʼaman.
1CH 23:15 Ilmaan Musee: Geershoomii fi Eliiʼezer.
1CH 23:16 Ilmaan Geershoomii: Shebuuʼeel hangafa.
1CH 23:17 Ilmaan Eliiʼezerii keessaa: Rehaabiyaa hangafa. Eleʼaazaar ilmaan biraa hin qabu ture; ilmaan Rehaabiyaa garuu akka malee hedduu turan.
1CH 23:18 Ilmaan Yizihaar keessaa: Sheloomiit hangafta.
1CH 23:19 Ilmaan Kebroon; hangaftichi Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
1CH 23:20 Ilmaan Uziiʼeel: hangaftichi Miikaa, lammaffaan Yishiyaa.
1CH 23:21 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilmaan Mahilii: Eleʼaazaarii fi Qiish.
1CH 23:22 Eleʼaazaar utuu ilmaan hin dhalchin duʼe; inni intallan qofa qaba ture. Durbiiwwan isaanii ilmaan Qiishitu isaan fuudhe.
1CH 23:23 Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yereemooti; walumatti nama sadii turan.
1CH 23:24 Isaan kunneen ilmaan Lewwii kanneen akkuma mana abbootii isaaniitti hangafoonni abbootii warri maqaa maqaadhaan galmeeffamanii tokko tokkoon lakkaaʼaman, hojjettoota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe warra mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilanii dha.
1CH 23:25 Daawit akkana jedhee tureetii; “Waaqayyoo Waaqni Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera; bara baraanis Yerusaalem keessa ni jiraata;
1CH 23:26 siʼachi Lewwonni dunkaana yookaan miʼoota achi keessatti itti fayyadaman hin baatan.”
1CH 23:27 Akkuma qajeelcha Daawit dhuma irratti kenneetti, Lewwonni waggaa digdamaa fi sanaa olii hedamaniiruutii.
1CH 23:28 Hojiin Lewwotaas tajaajila mana qulqullummaa Waaqaa keessatti sanyiiwwan Aroonii gargaaruu dha; kunis oobdiiwwanii fi kutaawwan mana qulqullummaa eeguu, miʼoota qulqulluu qulqulleessuu fi hojiiwwan biraas mana Waaqayyoo keessatti hojjechuu dha.
1CH 23:29 Akkasumas buddeena minjaala irra kaaʼuu, daakuu kennaa midhaanii, buddeena utuu hin bukaaʼin tolfame, tolchuu fi waliin makuu, safartuu fi madaalii hunda irratti itti gaafatamtoota turan.
1CH 23:30 Isaan guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganama fuula isaa dura ni dhaabatu; galgala galgalas akkasuma ni godhu;
1CH 23:31 yeroo aarsaan gubamu guyyaa Sanbataa Waaqayyoof dhiʼeeffamutti yeroo Ayyaana Baatii Haaraa fi gaafa ayyaana yeroon isaa murtaaʼe kamii iyyuu akkanuma ni godhu. Isaan yeroo hunda akkuma lakkoobsaa fi qajeelfama isaanii kennameetti fuula Waaqayyoo dura tajaajilu ture.
1CH 23:32 Lewwonni akkasiin itti gaafatama dunkaana wal gaʼii fi Iddoo Qulqulluu eeguuf qaban raawwatan; akkasumas ajaja obboloota isaanii sanyiiwwan Aroon jalatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti qaban raawwachaa turan.
1CH 24:1 Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman: Ilmaan Aroon Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar turan.
1CH 24:2 Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan.
1CH 24:3 Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade.
1CH 24:4 Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet.
1CH 24:5 Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan.
1CH 24:6 Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse.
1CH 24:7 Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif, lammaffaan Yedaaʼiyaaf,
1CH 24:8 sadaffaan Haariimiif, afuraffaan Seʼooriimiif,
1CH 24:9 shanaffaan Malkiyaaf, jaʼaffaan Miyaamiiniif,
1CH 24:10 torbaffaan Haqoosiif, saddeettaffaan Abiyaaf,
1CH 24:11 saglaffaan Yeeshuuʼaaf, kurnaffaan Shekaaniyaaf,
1CH 24:12 kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif, kudha lammaffaan Yaaqiimiif,
1CH 24:13 kudha sadaffaan Huphaaf, kudha afuraffaan Yeshebeʼaabiif,
1CH 24:14 kudhan shanaffaan Bilgaaf, kudha jaʼaffaan Imeeriif,
1CH 24:15 kudha torbaffaan Heeziiriif, kudha saddeettaffaan Haphizeeziif,
1CH 24:16 kudha saglaffaan Phetaayaaf, digdammaffaan Hisqiʼeeliif,
1CH 24:17 digdamii tokkoffaan Yaakiiniif, digdamii lammaffaan Gaamuuliif,
1CH 24:18 digdamii sadaffaan Delaayaaf, digdamii afuraffaan Maʼaaziyaaf baʼe.
1CH 24:19 Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.
1CH 24:20 Ilmaan Lewwii warra hafan: Ilmaan Amraamii keessaa: Shuubaaʼeel; ilmaan Shuubaaʼeel keessaa: Yehideyaa.
1CH 24:21 Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.
1CH 24:22 Yizihaarota keessaa: Sheloomiit; ilmaan Sheloomiit keessaa immoo: Yahaati.
1CH 24:23 Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
1CH 24:24 Ilma Uziiʼeel: Miikaa. Ilmaan Miikaa keessaa: Shaamiir.
1CH 24:25 Obboleessa Miikaa: Yishiyaa; Ilmaan Yishiyaa keessaa: Zakkaariyaas.
1CH 24:26 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilma Yaʼaziyaa: Banoo.
1CH 24:27 Ilmaan Meraarii: Yaʼaziyaa irraa: Banoo, Shohaam, Zakuurii fi Ibrii.
1CH 24:28 Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.
1CH 24:29 Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.
1CH 24:30 Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti.
1CH 24:31 Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.
1CH 25:1 Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis:
1CH 25:2 Ilmaan Asaaf keessaa: Zakuur, Yoosef, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture.
1CH 25:3 Ilmaan Yeduutuun keessaa: Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan Waaqayyo galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan.
1CH 25:4 Ilmaan Heemaan keessaa: Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti.
1CH 25:5 Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne.
1CH 25:6 Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan. Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan.
1CH 25:7 Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Waaqayyoof faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan.
1CH 25:8 Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan.
1CH 25:9 Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif, ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaaniis kudha lama turan lammaffaan Gedaaliyaasiif, isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:10 sadaffaan Zakuuriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:11 afuraffaan Izriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:12 shanaffaan Naataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:13 jaʼaffaan Bukiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:14 torbaffaan Yishiriʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:15 saddeettaffaan Yashaayaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:16 saglaffaan Mataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:17 kurnaffaan Shimeʼiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:18 kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:19 kudha lammaffaan Hashabiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:20 kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:21 kudha afuraffaan Matiitiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:22 kudha shanaffaan Yereemootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
1CH 25:23 kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:24 kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:25 kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
1CH 25:26 kudha saglaffaan Malootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:27 digdammaffaan Eliyaataaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:28 digdamii tokkoffaan Hootiiriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:29 digdamii lammaffaan Gidaltiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:30 digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
1CH 25:31 digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan.
1CH 26:1 Akka itti eegdonni karraa qoodaman: Gosa qoree keessaa: Ilmaan Asaaf keessaa Mesheleemiyaa ilma Qooraahi.
1CH 26:2 Mesheleemiyaa ilmaan qaba ture; isaanis: Inni hangafti Zakkaariyaas, lammaffaan Yediiʼeel, sadaffaan Zabaadiyaa, Afuraffaan Yatniiʼeel,
1CH 26:3 inni shanaffaan Eelaam, jaʼaffaan Yehohaanaan, torbaffaan Eliihooʼeenayi.
1CH 26:4 Oobeed Edoomis akkasuma ilmaan qaba ture; isaanis: Inni hangafti Shemaaʼiyaa, lammaffaan Yehoozaabaad, sadaffaan Yooʼaa, afuraffaan Saakaar, shanaffaan Naatnaaʼel,
1CH 26:5 jaʼaffaan Amiiʼeel, torbaffaan Yisaakor, saddeettaffaan Pheʼuletii; Waaqni Oobeed Edoomin eebbiseeraatii.
1CH 26:6 Shemaaʼiyaan ilmi isaas ilmaan qaba ture; isaanis waan dandeettii guddaa qabaniif qajeelchitoota maatii abbaa isaanii turan.
1CH 26:7 Ilmaan Shemaaʼiyaa: Otnii, Raafaaʼeel, Oobeedii fi Elzaabaad; firoonni isaa Eliihuu fi Samaakiyaanis dandeettii guddaa qabu ture.
1CH 26:8 Isaan kunneen hundi ilmaan Oobeed Edoom; isaan, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii namoota jajjaboo dandeettii hojii qaban turan; ilmaan Oobeed Edoom; walumatti nama 62 turan.
1CH 26:9 Mesheleemiyaa fi firoota dandeettii guddaa qaban qaba ture; isaanis walumatti nama 18 turan.
1CH 26:10 Hoosaan inni gosa Meraarii sun ilmaan qaba ture; isaanis: Shimriin dura buʼaa ture; inni hangafa taʼuu baatu iyyuu abbaan isaa dura buʼaa isa godhee ture;
1CH 26:11 inni lammaffaan Hilqiyaa, inni sadaffaan Xibaliyaa, inni afuraffaan Zakkaariyaas.
1CH 26:12 Garee eegdota karraa kana keessaa hangafoota isaaniitiif hojiin akkuma firoonni isaanii hojjetan sanaa mana Waaqayyoo keessa tajaajiluu ni kennameef.
1CH 26:13 Tokkoo tokkoo balbalaatiifis akkuma maatii maatii isaaniitti xinnaa guddaaf ixaan buʼe.
1CH 26:14 Ixaan Karra Baʼa Biiftuu Shelemiyaaf baʼe. Ergasii immoo Zakkaariyaas ilma isaa gorsituu ogeessa sanaaf ixaan buʼe; ixaan balbala kaabaa isaaf baʼe.
1CH 26:15 Ixaan Karra gama kibbaa Oobeed Edoomiif, kan mankuusaa immoo ilmaan isaatiif baʼe.
1CH 26:16 Ixaan Karra Lixa biiftuutii fi Karra Shaleekeet kan daandii olii irratti argamu Shufiimii fi Hoosaaf baʼe.
1CH 26:17 Karaa baʼa biiftuutiin guyyaa guyyaatti Lewwota jaʼa, karaa kaabaatiin guyyaa guyyaatti afur, karaa kibbaatiin guyyaa guyyaatti afur karaa mankuusaa immoo yeroo tokkotti lamatu ture.
1CH 26:18 Oobdii gama lixa biiftuutiin jiruuf daandii irra afur, waltajjicha gubbaa immoo lamatu ture.
1CH 26:19 Isaan kunneen garee eegdota karraa kanneen ilmaan Qooraahiitii fi Meraarii keessaa dhufanii dha.
1CH 26:20 Lewwota keessaa Ahiiyaan itti gaafatamaa qabeenya mana Waaqaatii fi itti gaafatamaa miʼoota qulqulleeffamanii ture.
1CH 26:21 Sanyiiwwan Laʼadaan kanneen karaa Laʼadaaniitiin Geershoonota taʼan warri hangafoota maatii Laʼadaan namicha gosa Geershoon sanaa turan: Yehiiʼeelii,
1CH 26:22 ilmaan Yehiiʼeelii, Zeetaamii fi obboleessa isaa Yooʼeel. Isaan kunis itti gaafatamtoota qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo turan.
1CH 26:23 Amraamota keessaa, Yizihaarota keessaa, Kebroonota keessaa, Uziiʼeel keessaa:
1CH 26:24 Shebuuʼeel ilmi Geershoom ilma Musee sanaa itti gaafatamaa qabeenyaa hangafa ture.
1CH 26:25 Namoonni karaa Eliiʼezeriitiin firoota isaa taʼan immoo: ilma isaa Rehaabiyaa, ilma isaa Isaayyaas, ilma isaa Yooraam, ilma isaa Zikrii fi ilma isaa Sheloomiit.
1CH 26:26 Sheloomiitii fi firoonni isaa mankuusaa miʼoota Daawit mootichi, hangafoonni maatiiwwanii kanneen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa turan, akkasumas ajajjoonni loltootaa biraa Waaqaaf addaan baasan irratti itti gaafatamtoota turan.
1CH 26:27 Isaan boojuu waraanaan argame keessaa gara tokko haaromsuu mana qulqullummaa Waaqayyootiif addaan baasanii kennan.
1CH 26:28 Waan Saamuʼeel namichi mulʼata argu sun, Saaʼol ilmi Qiish, Abneer ilmi Neerii fi Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiʼeessanii fi waan Waaqaaf addaan baafame hunda Sheloomiitii fi firoota isaatu eega ture.
1CH 26:29 Yizihaarota keessaa: Kenaaniyaa fi ilmaan isaa hojii mana qulqullummaatiin ala taʼetti Israaʼeloota irratti qondaaltotaa fi abbootii murtii taʼanii ramadaman.
1CH 26:30 Kebroonota keessaa: Hashabiyaa fi firoonni isaa kanneen dandeettii qaban kuma tokkoo fi dhibba torba biyya Israaʼel kan Yordaanosiin gama lixa biiftuu jirutti hojii Waaqayyoo hundaa fi tajaajila mootichaa irratti itti gaafatamtoota turan.
1CH 26:31 Kebroonota keessaa akkuma galmee hiddaa dhaloota maatii isaaniitti Yeriyaan hangafa isaanii ture. Bara mootummaa Daawit keessa waggaa afurtamaffaatti galmeewwan ilaalamanii gosa Kebroon keessaa namoonni dandeettii qaban Yaʼizeer biyya Giliʼaadi keessaa sanatti argaman.
1CH 26:32 Yiriiyaan firoota dandeettii qaban kanneen hangafoota maatii turan kuma lamaa fi dhibba torba qaba ture; Daawit mootichis waan kan Waaqaa taʼeef dhimma mootichaa hunda irratti gosa Ruubeen gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee toʼattoota godhe.
1CH 27:1 Lakkoobsi ijoollee Israaʼel hangafoonni maatii isaanii, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni isaanii warri waan kutaawwan loltootaa kanneen waggaa guutuu jiʼa jiʼaan hojiitti ramadaman sanaa ilaalu hunda irratti mooticha tajaajilan kanaa dha. Tokkoon tokkoon kutaawwan loltootaa kunis nama 24,000 of keessaa qaba ture.
1CH 27:2 Jiʼa jalqabaatiif ajajaan kutaa loltootaa kan duraa Yaashobiʼaam ilma Zabdiiʼeel ture. Kutaa loltoota isaa keessas loltoota 24,000 ture.
1CH 27:3 Innis sanyii Faaresii fi hangafa ajajjoota kutaa loltoota hundaa kan jiʼa jalqabaa ture.
1CH 27:4 Doodaayi namichi Ahooʼaa ajaja kutaa waraanaa kan jiʼa lammaffaaf ture; Miiqlooti hoogganaa kutaa waraana isaa ture. Kutaan waraana isaas namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
1CH 27:5 Ajajaan kutaa waraanaa sadaffaan kan jiʼa sadaffaa immoo Benaayaa ilma Yehooyaadaa lubichaa ture. Innis hangafa; kutaan waraana isaa namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
1CH 27:6 Benaayaa kun isuma warra soddoma keessaa nama jabaa fi ajajaa warra soddoma sanaa ture sanaa dha. Amiizaabaad ilmi isaa immoo ajajaa kutaa waraana isaa ture.
1CH 27:7 Jiʼa afuraffaaf ajajaan kuta afuraffaa Asaaheel obboleessa Yooʼaab ture; kan iddoo isaa buʼe immoo ilma isaa Zebaadiyaa dha. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
1CH 27:8 Jiʼa shanaffaaf ajajaan kutaa shanaffaa Shamhuuti namicha Yizraa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
1CH 27:9 Jiʼa jaʼaffaaf Iiraa ilmi Iqeesh namicha Teqooʼaa sanaa ajajaa jaʼaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
1CH 27:10 Jiʼa torbaffaaf Heleez namichi Pheloonaa kan gosa Efreem sun ajajaa torbaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
1CH 27:11 Jiʼa saddeettaffaaf Siibekaay namichi biyya Hushaa kan gosa Zaarotaa ajajaa saddeettaffaa ture; kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
1CH 27:12 Jiʼa saglaffaaf Abiiʼezer namicha Anaatootii kan gosa Beniyaam sanattu ajajaa saglaffaa ture; kutaa isaa keessaa namoota 24,000 turan.
1CH 27:13 Jiʼa kurnaffaaf Maharaayi namicha Netoof kan gosa Zaaraa sanatu ajajaa kurnaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
1CH 27:14 Jiʼa kudha tokkoffaaf ajajaan kudha tokkoffaan Benaayaa namicha Phiraatoon kan gosa Efreem sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
1CH 27:15 Jiʼa kudha lammaffaaf ajajaan kudha lammaffaan Heldaayi namicha Netoof kan gosa Otniiʼeel sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
1CH 27:16 Hangafoonni gosoota Israaʼel: Gosa Ruubeen irratti: Eliiʼezer ilma Zikrii; gosa Simiʼoon irratti: Shefaaxiyaa ilma Maʼakaa;
1CH 27:17 gosa Lewwii irratti: Hashabiyaa ilma Qemuuʼeel; gosa Aroon irratti: Zaadoq;
1CH 27:18 gosa Yihuudaa irratti: Eliihuu obboleessa Daawit; gosa Yisaakor irratti: Omrii ilma Miikaaʼel;
1CH 27:19 gosa Zebuuloon irratti: Yishmaʼiyaaʼuu ilma Obaadiyaa; gosa Niftaalem irratti: Yeriimooti ilma Azriiʼeel;
1CH 27:20 gosa Efreem irratti: Hoosheeʼaa ilma Azaziyaa; walakkaa gosa Minaasee irratti: Yooʼeel ilma Phedaayaa;
1CH 27:21 walakkaa gosa Minaasee kan Giliʼaad keessa jiraatuu irratti: Iddoo ilma Zakkaariyaas; gosa Beniyaam irratti: Yaʼisiiʼel ilma Abneer;
1CH 27:22 gosa Daan irratti: Azariʼeel ilma Yirooham.
1CH 27:23 Daawit sababii Waaqayyo saba Israaʼel akkuma urjiiwwan samiitti baayʼisuuf waadaa galeef dhiira waggaa digdamaatii fi digdamaa gad taʼe hin lakkoofne.
1CH 27:24 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiirota lakkaaʼuu jalqabe malee lakkaaʼee hin fixne; sababii lakkoobsa kanaatiifis dheekkamsi Waaqaa Israaʼelitti dhufe; kanaafuu warri hedaman iyyuu galmee Daawit mootichaa keessatti hin galmeeffamne.
1CH 27:25 Azmaawet ilmi Aadiiʼeel shuumii mankuusaa qabeenya mootii ture. Yoonaataan ilmi Uziyaa immoo shuumii miʼoota aanaalee, magaalaawwan, kan gandootaatii fi gamoowwan eegumsaa ture.
1CH 27:26 Ezeriin ilmi Kiluub shuumii qonnaan bultootaa ture.
1CH 27:27 Shimeʼiin namichi Raamaatii sun itti gaafatamaa iddoo dhaabaa wayinii ture. Zabdiin namichi Shifaamii sun itti gaafatamaa mana cuunfaa wayinii iddoo dhaabaa wayinii keessaa ture.
1CH 27:28 Baʼaal-Haanaan namichi Gedeeraa sun shuumii mukkeen ejersaatii fi harbuu tabbawwan gaarran gama lixa biiftuutti argamanii ture. Yooʼaash immoo shuumii mana zayitii ejersaa ture.
1CH 27:29 Shitraayi namichi Shaaroon shuumii karra loonii kan Shaaroonitti bobbaʼuu ture. Shaafaax ilmi Aadilaay shuumii karra loowwan sulula keessa jiranii ture.
1CH 27:30 Oobiil namichi gosa Ishmaaʼeel sun shuumii gaalawwanii ture. Yehideyaan namichi gosa Meeroonotaa shuumii harrootaa ture.
1CH 27:31 Yaaziiz namichi gosa Aggaar itti gaafatamaa bushaayee ture.
1CH 27:32 Yoonaataan eessumni Daawit namichi beekaan barreessaan sun gorsituu ture; Yehiiʼeel ilmi Hakmoonii immoo eegduu ilmaan mootichaa ture.
1CH 27:33 Ahiitofel gorsaa mootichaa ture. Huushaayi namichi gosa Arki immoo michuu mootichaa ture.
1CH 27:34 Yehooyaadaan ilmi Benaayaatii fi Abiyaataar iddoo Ahiitofel buʼan. Yooʼaab immoo ajajaa eegdota mootummaa ture.
1CH 28:1 Daawit akka isaan Yerusaalemitti walitti qabamaniif hangafoota Israaʼel hunda ni waame; isaanis: Geggeessitoota gosootaa, tajaajila mootummaa keessatti ajajjoota kutaawwan loltootaa, ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa, warra qabeenyaa fi horii mootichaatii fi kan ilmaan isaa irratti itti gaafatamtoota taʼan, qondaaltota masaraa mootummaa, namoota jajjaboo fi gootota waraanaa hunda.
1CH 28:2 Ergasii Daawit Mootichi kaʼee dhaabatee akkana jedhe: “Yaa obboloota koo fi yaa saba ko, mee na dhagaʼaa. Ani taabota kakuu Waaqayyootiif iddoo inni boqotu, Waaqa keenyaaf immoo iddoo inni miilla dhaabatu ijaaruu yaadee qophaaʼeera.
1CH 28:3 Waaqni garuu, ‘Ati sababii lola hedduu loltee dhiiga baayʼee dhangalaafteef maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedhe.
1CH 28:4 “Taʼus Waaqayyo, Waaqni Israaʼel akka ani bara baraan Israaʼel irratti mootii taʼuuf mana abbaa koo keessaa na filate. Akka inni dura buʼaa taʼuufis Yihuudaa filate; mana Yihuudaa keessaa maatii koo filate; ilmaan abbaa kootii keessaa immoo akka ani guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼu jaallate.
1CH 28:5 Waaqayyo ilmaan baayʼee naa kenneera; ilmaan koo hunda keessaa immoo akka inni teessoo mootummaa Waaqayyoo irra taaʼee saba Israaʼel bulchuuf ilma koo Solomoonin filate.
1CH 28:6 Akkanas naan jedhe; ‘Kan mana koo fi oobdiiwwan koo naaf ijaaru ilma kee Solomoonii dha; ani akka inni ilma naa taʼuuf isa filadheeraatii; anis abbaa isaa nan taʼa.
1CH 28:7 Yoo inni akkuma ammaa kanatti ittuma fufee ajaja koo fi seera koo eege ani bara baraan mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’
1CH 28:8 “Kanaafuu akka isin lafa gaarii kana dhaaltanii ilmaan keessaniif dhaala bara baraa dabarsitaniif, akka isin ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii hunda eegdanii fi isa duukaa buutaniif ani amma fuula Israaʼeloota hundaa duratti, waldaa Waaqayyoo duratti, akkasumas utuu Waaqni keenya dhagaʼuu isinin ajaja.
1CH 28:9 “Yaa ilma koo Solomoon atis Waaqayyo Waaqa abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; Waaqayyo waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa.
1CH 28:10 Amma qalbeeffadhu; Waaqayyo akka ati mana iddoo qulqulluu taʼu tokko ijaartuuf si filateeraatii. Jajjabaadhuu hojjedhu.”
1CH 28:11 Ergasii Daawit karoora gardaafoo mana qulqullummaa, kan ijaarsa isaa, kutaawwan miʼi keessa kaaʼamu, kan kutaawwan ol aananiitii fi kutaawwan keessaa, akkasumas karoora iddoo teessoo araaraa ilma isaa Solomoonitti kenne.
1CH 28:12 Akkasumas karoora waan Hafuurri qulqulluun isa yaachisee kan oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo, kan kutaawwan naannoo isaa jiranii, kutaawwan mana miʼa mana qulqullummaa Waaqaatii fi kan mankuusaa miʼoota Waaqaatiif addaan baafamanii hunda itti kenne.
1CH 28:13 Karoora ramaddii hojii lubootaatii fi Lewwotaa, tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti kennamuu maluu hunda, miʼoota mana qulqullummaa keessatti tajaajilaaf oolan irrattis qajeelfama ni kenneef.
1CH 28:14 Ulfina warqee miʼoota warqee irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaatii fi ulfina meetii miʼoota meetii irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaas isa beeksise:
1CH 28:15 Kunis ulfina baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetamaniitii fi ibsaawwan isaanii, ulfina warqee tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaa isaanii wajjin, akkasumas akkuma hojii tokkoo tokkoo baattuu ibsaa sanaatti ulfina meetii tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaawwan isaa,
1CH 28:16 ulfina warqee tokkoo tokkoo minjaala buddeenni qulqulluun irra kaaʼamuu, ulfina meetii minjaalli irraa hojjetame,
1CH 28:17 ulfina warqee qulqulluu falʼaana, waciitii fi kubbaayyaa, ulfina warqee tokkoo tokkoo caabii warqee irraa hojjetame; ulfina meetii tokkoo tokkoo caabii meetii irraa hojjetame;
1CH 28:18 akkasumas ulfina warqee qulqulleeffame kan iddoo aarsaa ixaanaatiif qopheeffame. Karoora gaarii jechuunis kiirubeelii warqee irraa hojjetaman kanneen qoochoo isaanii babalʼisanii taabota kakuu Waaqayyoo haguugan itti kenne.
1CH 28:19 Daawitis, “Ani waan kana hunda harka Waaqayyoo kan narra jiru sanaan barreeffamaan argadhe; innis karoora hojii kanaa hunda irratti hubannaa naaf kenne” jedhe.
1CH 28:20 Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe; “Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; Waaqayyo Gooftaan Waaqni koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu.
1CH 28:21 Gareen lubootaatii fi Lewwotaa ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif qophaaʼoo dha. Namni fedhii qabu kan ogummaa hojii gosa kamii iyyuu qabu hundii hojii hunda si gargaara. Qondaaltonnii fi namoonni hundii ajaja kee hunda ni fudhatu.”
1CH 29:1 Ergasii Daawit mootichi yaaʼii guutuudhaan akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon inni Waaqni filate ijoollee fi nama muuxannoo hin qabnee dha. Manni qulqullummaa kun kan Waaqayyo Gooftaati malee waan kan namaa hin taʼiniif hojiin isaa guddaa dha.
1CH 29:2 Anis waanan kennuu dandaʼu hunda mana qulqullummaa Waaqa kootiif, hojii warqeetiif warqee, kan meetiitiif meetii, kan naasiitiif naasii, kan sibiilaatiif sibiila, kan mukaatiif muka akkasumas waan bareedina duuba isaatiif oolu sardooniksii, keelqedoon, dhagaawwan babbareedoo fi dhagaa adii baayʼinaan qopheesseera.
1CH 29:3 Kana malees ani jaalalan mana Waaqa kootiif qabuun waanan duraan kennee turetti dabalee qabeenya ofii koo irraa warqee fi meetii mana qulqullummaa Waaqa kootiif nan kenna;
1CH 29:4 kunis keenyan manichaatti uffisuuf warqee qulqulluu warqee, Oofiirii taalaantii kuma sadii fi meetii qulqulleeffame taalaantii kuma torba,
1CH 29:5 akka hojiin hundi ogeeyyii hojii harkaatiin hojjetamuuf warqee hojii warqeetiif, meetii illee hojii meetiif kenneera. Egaa harʼa eenyutu fedhii isaatiin Waaqayyoof addaan of baasa?”
1CH 29:6 Ergasii qajeelchitoonni maatii, ajajjoonni gosoota Israaʼel, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni hojii mootii toʼatan kennaa isaanii fedhiidhaan kennan.
1CH 29:7 Isaanis hojii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif warqee taalaantii kuma shan, warqee daariikii kuma kudhan, meetii taalaantii kuma kudhan, naasii taalaantii kuma kudha saddeetii fi sibiila taalaantii kuma dhibba tokko ni kennan.
1CH 29:8 Namni dhagaawwan gati jabeeyyii qabu hundinuus harka Yehiiʼeel namicha gosa Geershoonitti mankuusaa mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
1CH 29:9 Kana irratti waan dura deemtonni isaa fedhii fi garaa guutuudhaan Waaqayyoof kennaniif sabni sun ni gammade. Daawit mootichis akka malee ni gammade.
1CH 29:10 Daawit yaaʼii guutuu duratti akkana jedhee Waaqayyo galateeffate; “Yaa Waaqayyo, Waaqa abbaa keenya Israaʼel bara baraa hamma bara baraatti galanni siif haa taʼu.
1CH 29:11 Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti; ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
1CH 29:12 Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama; ati bulchaa waan hundaa ti. Ol ol guddisuu fi waan hundaaf jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira.
1CH 29:13 Ammas yaa Waaqa keenya, si galateeffanna; maqaa kee ulfina qabeessa sanas ni jajanna.
1CH 29:14 “Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine.
1CH 29:15 Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu.
1CH 29:16 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, wanni nu Maqaa kee Qulqullichaaf mana qulqullummaa siif ijaaruuf kennine kun hundinuu harka keetii dhufe; hundi isaas keetuma.
1CH 29:17 Yaa Waaqa koo akka ati garaa qortuu fi qajeelummaa jaallattu ani beeka. Anis waan kana hunda amanamummaa fi fedhiidhaanan kenne. Ammas akka sabni kee kan as jiru kun fedhiidhaan siif kenne ani argee gammadeera.
1CH 29:18 Yaa Waaqayyo Waaqa abbootii keenyaa, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel fedhii kana bara baraan garaa saba keetii keessa tursi; akka garaan isaaniis amanamaa siif taʼu godhi.
1CH 29:19 Ilma koo Solomooniifis akka inni ajaja kee, qajeelchaa fi labsii kee eegu, akka inni waan kana hunda hojjetee mana qulqullummaa kan ani gumaata godheef kana illee ijaaruuf fedhii garaa guutuu kenniif.”
1CH 29:20 Sana booddees Daawit yaaʼii guutuudhaan, “Waaqayyo Waaqa keessan galateeffadhaa” jedhe. Kanaafuu hundi isaanii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii ni galateeffatan; fuula Waaqayyootii fi fuula mootichaa duratti addaan gombifamanii ni sagadan.
1CH 29:21 Isaanis guyyaa itti aanutti Waaqayyoof qalma qalanii aarsaa gubamu dhiʼeessan; aarsaan maqaa Israaʼelootaatiin dhiʼaates: korommii loonii kuma tokko, korbeeyyii hoolaa kuma tokko, korbeeyyii hoolaa xixinnaa kuma tokko, dhibaayyuu fi aarsaawwan biraa baayʼee dha.
1CH 29:22 Isaanis gaafa sana fuula Waaqayyoo duratti gammachuu guddaadhaan nyaatanii dhugan. Ergasii immoo Solomoon ilma Daawit mootii godhanii akka inni bulchaa taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yeroo lammaffaa diban; Zaadoqiin immoo luba godhan.
1CH 29:23 Kanaafuu Solomoon iddoo abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Waaqayyoo irra taaʼe. Ni milkaaʼes; Israaʼeloonni hundis isaaf ajajaman.
1CH 29:24 Ajajjoonni waraanaatii fi namoonni jajjaboon hundi akkasumas ilmaan Daawit mootichaa hundi amanamummaa isaanii Solomoon Mootichaaf mirkaneessan.
1CH 29:25 Waaqayyos Israaʼeloota duratti Solomoonin ol ol kaase; ulfina mootummaa kan mootonni isa dura turan tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin qabaatin ni kenneef.
1CH 29:26 Daawit ilmi Isseey guutummaa Israaʼel irratti mootii ture.
1CH 29:27 Innis waggaa afurtama Israaʼelin bulche; waggaa torba Kebroon taaʼee, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalem taaʼee ni bulche.
1CH 29:28 Daawit bara dheeraa jiraatee, badhaadhummaa fi ulfina argatee dulloomee duʼe. Ilmi isaa Solomoon mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
1CH 29:29 Hojiin bara mootummaa Daawit Mootichaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba Seenaa Saamuʼeel namicha mulʼata argu sanaa keessatti, kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessattii fi kitaaba seenaa Gaad namicha mulʼata argu sanaa keessatti,
1CH 29:30 bulchiinsi isaa hundii fi humni isaa, barri inni, Israaʼelii fi mootummoonni biyyoota hundaa keessa darban barreeffameera.
2CH 1:1 Sababii Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin turee fi sababii inni akka malee guddaa isa godheef Solomoon ilmi Daawit jabaatee mootummaa isaa irra bule.
2CH 1:2 Ergasiis Solomoon Israaʼeloota hundatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, hooggantoota Israaʼel hundattii fi hangafoota abbootiitti dubbate;
2CH 1:3 sababii dunkaanni wal gaʼii kan Waaqaa inni Museen garbichi Waaqayyoo sun gammoojjii keessatti hojjete achi tureef Solomoonii fi yaaʼiin guutuun gara iddoo sagadaa kan gaara irraa kan Gibeʼoon jiru sanaa ni dhaqan.
2CH 1:4 Daawitis taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii gara iddoo qopheesseef sanaatti ni fide; inni Yerusaalem keessatti dunkaana dhaabeefii tureetii.
2CH 1:5 Garuu iddoon aarsaa kan Bezaliʼeel ilmi Uuri, ilmi Huuri naasii irraa hojjete sun fuula dunkaana qulqulluu Waaqayyoo sanaa dura ture; kanaafuu Solomoonii fi yaaʼiin sun achitti Waaqa kadhatan.
2CH 1:6 Solomoonis gara iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sanaatti ol baʼee aarsaa gubamu 1,000 achi irratti ni dhiʼeesse.
2CH 1:7 Waaqnis halkan sana Solomoonitti mulʼatee, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedheen.
2CH 1:8 Solomoon immoo akkana jedhee Waaqaaf deebise; “Ati abbaa koo Daawitiif arjummaa guddaa goote; anas iddoo isaa buuftee mootii gooteerta.
2CH 1:9 Egaa yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, abdiin ati abbaa koo Daawitiif kennite sun fiixaan haa baʼu; ati saba akka biyyoo lafaa baayʼatu irratti mootii na gooteertaatii.
2CH 1:10 Akka ani saba kana hoogganuuf ogummaa fi beekumsa naaf kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?”
2CH 1:11 Waaqnis Solomooniin akkana jedhe; “Sababii wanni kun fedhii garaa keetii taʼee atis qabeenya, badhaadhummaa yookaan ulfina yookaan akka diinonni kee dhuman hin kadhatinii fi sababii ati bara dheeraa jiraachuuf utuu hin taʼin saba koo kan ani irratti mootii si godhe bulchuuf jettee ogummaa fi beekumsa kadhatteef,
2CH 1:12 ogummaa fi beekumsi siif ni kennama. Ani qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina mootonni si duraan turan tokko iyyuu takkumaa hin qabaatin yookaan kan mootonni siin duubaa tokko iyyuu hin qabaanne siifin kenna.”
2CH 1:13 Solomoon ergasii iddoo sagadaa kan Gibeʼoon keessaa sanaa, fuula dunkaana wal gaʼii duraa kaʼee Yerusaalem dhaqe. Innis Israaʼel irratti mootii taʼe.
2CH 1:14 Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate.
2CH 1:15 Mootichi akka meetii fi warqeen Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe.
2CH 1:16 Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite.
2CH 1:17 Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.
2CH 2:1 Solomoonis akka Maqaa Waaqayyootiif manni qulqullummaa ofii isaaf immoo masaraan mootummaa ijaaramu ni ajaje.
2CH 2:2 Innis namoota baʼaa baatan 70,000 warra gaarran irratti dhagaa cabsan 80,000 fi warra isaan toʼatan 3,600 gurmeesse.
2CH 2:3 Solomoon akkana jedhee Huuraam mooticha Xiiroositti ergaa kana erge: “Akkuma yeroo akka Daawit abbaan koo mana keessa jiraatu ittiin ijaarratuuf muka birbirsaa ergiteef sana anaafis muka birbirsaa ergi.
2CH 2:4 Kunoo ani Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaree akka isa keessatti ixaanni urgaaʼaan fuula isaa duratti aarfamuuf, akka buddeenni qulqulleeffame yeroo yerootti dhiʼeeffamuu fi akka ganama hundaa fi galgala hunda, guyyoota Sanbataa, guyyaa Baatii Haaraatii fi guyyaa ayyaana Waaqayyo Waaqa keenyaa kan murtaaʼetti aarsaan gubamu dhiʼeeffamuuf addaan baasee isaa kennuuf yaadeera. Kunis Israaʼeliitiif seera bara baraa ti.
2CH 2:5 “Sababii Waaqni keenya waaqota kaan hunda irra guddaa taʼeef, manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa ni taʼa.
2CH 2:6 Garuu waan samiiwwanii fi samiiwwan samii olii iyyuu isa baachuu hin dandeenyeef eenyutu mana qulqullummaa isaaf ijaaruu dandaʼa? Yoos iddoo aarsaan itti fuula isaa duratti gubamu malee mana qulqullummaa isaaf ijaaruuf ani eenyu?
2CH 2:7 “Kanaafuu akka inni ogeeyyii koo kanneen dandeettii hojii harkaa qaban warra abbaan koo Daawit qopheesse wajjin Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa hojjetuuf nama hojii warqeetii fi meetiitti, hojii naasiitii fi hojii sibiilaatti hojii kirrii diimaa dhiilgeetiin, diimaa akka dhiigaatii fi cuquliisaatti ogummaa qabaatee ogummaa waa soofuutiin leenjifame tokko naaf ergi.
2CH 2:8 “Akkasumas muka gaattiraa, muka birbirsaatii fi muka sandalii Libaanoon keessaa naaf ergi; ani akka namoonni kee ogummaa muka muruu qaban beekaatii. Namoonni koos namoota kee wajjin ni hojjetu;
2CH 2:9 sababii manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa fi akka malee miidhagaa taʼuu qabuuf isaan muka hedduu naa qopheessuutii.
2CH 2:10 Anis garboota kee warra muka muraniif daakuu qamadii qoroosii kuma digdama, garbuu qoroosii kuma digdama, daadhii wayinii baadoosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa baadoosii kuma digdama nan kenna.”
2CH 2:11 Huuraam mootichi Xiiroos akkana jedhee xalayaadhaan Solomooniif deebise: “Waaqayyo waan saba isaa jaallatuuf mootii isaanii si godhe.”
2CH 2:12 Huuraamis ittuma fufee akkana jedhe: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni samii fi lafa uume sun haa eebbifamu! Inni Daawit mootichaaf ilma beekaa ogummaa fi hubannaan guutame kan Waaqayyoof mana qulqullummaa, ofii isaatiif immoo masaraa mootummaa ijaaru tokko kenneera.
2CH 2:13 “Ani kunoo Huuraamabii namicha ogummaa guddaa qabu tokko siif ergeera;
2CH 2:14 haati isaa nama biyya Daanii ti; abbaan isaa immoo nama biyya Xiiroosii ti. Innis ogummaa hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan dhagaatii fi mukaa, akkasumas kirrii diimaa dhiilgee, cuquliisaa, diimaa akka dhiigaatii fi quncee talbaa haphiitiin leenjifameera. Inni nama hojii waa soofuu gosa hundaatiin ogummaa kuufate kan karoora itti kenname kam iyyuu raawwachuu dandaʼuu dha. Innis ogeeyyii keetii fi ogeeyyii gooftaa koo, abbaa kee Daawit wajjin ni hojjeta.
2CH 2:15 “Kanaafuu amma gooftaan koo qamadii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii wayinii kan abdachiise sana garboota isaatiif haa ergu;
2CH 2:16 nus muka si barbaachisu hunda Libaanoonii murree walitti hiinee hamma Yoopheetti galaana irra gad siif ergina. Ati immoo Yerusaalemitti ni geeffatta.”
2CH 2:17 Solomoon erga Daawit abbaan isaa saba lakkaaʼeen duubatti alagoota Israaʼel keessa jiraatan hunda ni lakkaaʼe; baayʼinni isaaniis 153,600 taʼe.
2CH 2:18 Innis isaan keessaa nama 70,000 baʼaa baachuutti, nama 80,000 gaarran irratti dhagaa cabsuutti ramade; nama 3,600 immoo akka isaan namoota hojii hojjechiisaniif isaan irratti muude.
2CH 3:1 Solomoonis Yerusaalem keessatti iddoo Waaqayyo abbaa isaa Daawititti mulʼatetti Tulluu Mooriyaa irratti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe. Iddoon kunis iddoo Daawit oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti qopheessee dha.
2CH 3:2 Innis bara mootummaa isaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii lammaffaa jiʼa lammaffaatti ijaaruu jalqabe.
2CH 3:3 Solomoonis mana qulqullummaa Waaqaa ijaaruudhaaf jedhee hundee dheerinni isaa akka safartuu duriitti dhundhuma jaatama taʼee dhundhuma digdama balʼatu ni buuse.
2CH 3:4 Gardaafoon fuula mana qulqullummaa dura tures lafa irra dheerinni isa akkuma balʼina mana qulqullummaatti dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Innis keessa manichaatti warqee qulqulluu uffise.
2CH 3:5 Kutaa guddaa mana sanaattis muka birbirsaa maxxansee warqee qulqulluu itti uffise; fakkii meexxiitii fi foncaatiinis ni miidhagse.
2CH 3:6 Mana qulqullummaa sanas dhagaawwan gati jabeeyyiitiin ni bareeche. Warqeen inni itti fayyadames warqee Farwaayim ture.
2CH 3:7 Innis dareeraawwan, michichilawwan balbalaa, dhaaba manaatii fi cufaawwan mana qulqullummaatti warqee uffise; keenyan manaa sana irrattis fakkii Kiirubeelii soofe.
2CH 3:8 Innis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe ijaare; lafa irra dheerinni iddoo sanaas balʼina mana qulqullummaatiin wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Keessa isaa illee warqee qulqulluu taalaantii dhibba jaʼa itti uffise.
2CH 3:9 Mismaaronni warqees saqilii shantama ulfaatu ture. Kutaawwan ol aananittis akkasumas warqee uffise.
2CH 3:10 Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti kiirubeelii lama hojjechiisee warqee itti uffise.
2CH 3:11 Qoochoon kiirubeelii lamaanii walumatti dhundhuma digdama ture. Qoochoon kiirubii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dheeratee keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee Qoochoon kiirubii lammaffaa tuqa.
2CH 3:12 Akkasumas qoochoon kiirubii lammaffaa inni tokko dhundhuma shan dheeratee gama kaaniin keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee qoochoo kiirubii jalqabaa sanaa tuqa.
2CH 3:13 Qoochoowwan kiirubeelii kanneenii dhundhuma digdamii shan diriirfaman. Kiirubeeliin kunneenis fuula isaanii gara galma guddichaatti deebifatanii miilla isaaniitiin dhaabatan.
2CH 3:14 Innis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa hojjetee fakkii kiirubeelii isa irratti tolche.
2CH 3:15 Innis fuula mana qulqullummaa duratti utubaawwan lama kanneen walumatti dhundhuma soddomii shan dheeratan tolche; tokkoon tokkoon isaaniis guutuu dhundhuma shan dheeratu mataa irraa qabu turan.
2CH 3:16 Foncaa wal keessa loofames hojjetee mataa utubaawwanii irra kaaʼe. Akkasumas roomaanoota dhibba tokko hojjetee foncaa sanatti qabsiise.
2CH 3:17 Innis utubaawwan sana tokko karaa kibbaatiin kaan immoo karaa kaabaatiin fuula mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin Yaakiin kan karaa kaabaatiin immoo Boʼeez jedhee moggaase.
2CH 4:1 Iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma kudhan taʼe ni tolche.
2CH 4:2 Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche; naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe.
2CH 4:3 Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti fakkii korommii kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Korommiin sunis tarree lamaan Gaanii sana wajjin walumatti baqfamanii hojjetaman.
2CH 4:4 Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture.
2CH 4:5 Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma sadii qabata ture.
2CH 4:6 Innis caabii dhiqannaa kudhan tolchee shan gama kibbaatiin, shan immoo gama kaabaatiin ni kaaʼe. Miʼoonni aarsaa gubamuuf fayyadanis caabiiwwan kanneen keessatti miiccamu ture; Gaanicha garuu lubootatu dhiqannaadhaaf itti fayyadama ture.
2CH 4:7 Innis akkuma seerri ajajutti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman kudhan tolchee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe.
2CH 4:8 Minjaala kudhan hojjetee shan karaa kibbaatiin, shan immoo karaa kaabaatiin mana qulqullummaa keessa ni kaaʼe. Akkasumas waciitii warqee kan ittiin dhiiga facaasan dhibba tokko ni tolche.
2CH 4:9 Innis oobdii lubootaa, oobdii guddichaa fi cufaawwan oobdii ni hojjete; cufaawwan sanas naasii itti uffise.
2CH 4:10 Gaanichas karaa kibbaatiin golee kibba baʼaa keessa ni kaaʼe.
2CH 4:11 Huuraam okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche. Huuraamis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon Mootichaaf hojjechaa ture fixe; hojiin kunis:
2CH 4:12 Utubaawwan lamaan; guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan; wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan;
2CH 4:13 wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
2CH 4:14 baattuuwwan caabii isaanii wajjin;
2CH 4:15 gaanichii fi korommiin loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
2CH 4:16 okkotee, waan ittiin daaraa hammaaran, qabduu fooniitii fi miʼoota akkanaa hunda. Miʼi Huuraam-Abiin mana qulqullummaa Waaqayyootiif jedhee Solomoon Mootichaaf hojjete hundinuu naasii cululuqfame irraa hojjetame.
2CH 4:17 Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise.
2CH 4:18 Solomoonis miʼoota kanneen hunda baayʼinaan hojjechiise; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.
2CH 4:19 Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise; isaanis: iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame; minjaala buddeenni Ilaalchaa irra ture;
2CH 4:20 baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetamanii fi ibsaawwan isaanii; ibsaawwan kunneenis akka akkuma seeraatti fuula iddoo qulqulluu duratti ibsaniif tolfaman;
2CH 4:21 daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee qulqulluu irraa hojjetaman;
2CH 4:22 waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa warqee qulqulluu irraa hojjetaman; akkasumas cufaawwan mana qulqullummaa cufaawwan gara keessaa kanneen Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutii fi cufaawwan galma guddichaa kanneen warqee irraa hojjetaman.
2CH 5:1 Solomoon yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota hunda fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe.
2CH 5:2 Ergasii Solomoon Xiyoon magaalaa Daawit irraa taabota kakuu Waaqayyoo ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti walitti waame.
2CH 5:3 Israaʼeloonni hundinuus jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti mooticha biratti walitti qabaman.
2CH 5:4 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti Lewwonni taaboticha ol fuudhan;
2CH 5:5 isaanis taabota sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman kanneen dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Lewwonni luboota taʼanis baatanii ol isaan fidan;
2CH 5:6 Solomoon Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.
2CH 5:7 Luboonnis ergasii taabota kakuu Waaqayyoo sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan.
2CH 5:8 Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan ni haguugan.
2CH 5:9 Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii taaboticha biraa dhedheerattee fuula Iddoo Qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu iddoo qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru.
2CH 5:10 Taabota sana keessa gabateewwan kanneen Museen Kooreebitti, iddoo Waaqayyo erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.
2CH 5:11 Luboonnis Iddoo Qulqulluu sanaa ni baʼan. Luboonni achi turan hundinuu yoo dabareen kan isaanii taʼuu baate iyyuu of qulqulleessanii turan.
2CH 5:12 Lewwonni faarfattoota turan jechuunis Asaaf, Heemaan, Yeduutuun, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii iddoo aarsaa bira karaa baʼa biiftuutiin dhaabatanii kilillee kililchaa, baganaa fi kiraara taphachaa turan. Luboonni 120 kanneen malakata afuufan isaan wajjin turan.
2CH 5:13 Warri malakata afuufanii fi faarfattoonni Waaqayyoon leellisuu fi galateeffachuudhaaf jedhanii akkuma nama tokkootti walii galanii sagalee isaanii tokko godhatan. Isaanis malakatatti, kilillee fi miʼoota faarfannaa biraatti fayyadamanii sagalee isaanii ol fudhatanii Waaqayyoon galateeffachuudhaan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan ni jiraata” jedhanii faarfatan. Ergasiis manni qulqullummaa Waaqayyoo duumessaan ni guutame;
2CH 5:14 luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqaa guutee tureetii.
2CH 6:1 Ergasii Solomoon akkana jedhe; “Waaqayyo akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera;
2CH 6:2 ani mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera.”
2CH 6:3 Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise.
2CH 6:4 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawitiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii;
2CH 6:5 ‘Ani gaafan saba koo Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne, yookaan akka inni bulchaa saba koo Israaʼel taʼuuf nama tokko illee hin filanne.
2CH 6:6 Amma garuu akka maqaan koo achi jiraatuuf Yerusaalemin filadheera; akka inni saba koo Israaʼelin bulchuufis Daawitin filadheera.’
2CH 6:7 “Daawit abbaan koo Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture.
2CH 6:8 Waaqayyo garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha.
2CH 6:9 Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee, isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’
2CH 6:10 “Waaqayyo waadaa gale sana eegeera; akkuma Waaqayyo waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera.
2CH 6:11 Anis achi keessa taabota kaaʼeera; taabota sana keessa immoo kakuu Waaqayyoo kan inni saba Israaʼel wajjin galetu jira.”
2CH 6:12 Solomoon iddoo aarsaa Waaqayyoo duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa ni balʼise.
2CH 6:13 Waltajjii dhundhuma shan lafa irra dheeratu, kan dhundhuma shan balʼatee dhundhuma sadii ol dheeratu tokkos naasii irraa hojjetee walakkaa oobdii ni dhaabe; innis waltajjii sana irra dhaabatee fuula guutummaa waldaa Israaʼel duratti jilbeenfatee harka isaa gara samiitti ol ni balʼise.
2CH 6:14 Akkanas jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
2CH 6:15 Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta.
2CH 6:16 “Ammas yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, akkuma seera kootti fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif.
2CH 6:17 Kanaafuu amma yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, dubbiin ati garbicha kee Daawitiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu.
2CH 6:18 “Garuu dhugumaan Waaqni nama wajjin lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatuu ree!
2CH 6:19 Taʼus yaa Waaqayyo Waaqa ko, kadhannaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi kadhannaa garbichi kee fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi.
2CH 6:20 Iji kees halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa gara iddoo ati akka Maqaa kee achi kaaʼattu dubbatte sanaa haa ilaalu. Kadhannaa garbichi kee gara iddoo kanaatti fuula deebifatee kadhatu illee dhagaʼi.
2CH 6:21 Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi.
2CH 6:22 “Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti, fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate,
2CH 6:23 ati samii irraa dhagaʼiitii garboota kee gidduutti tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni.
2CH 6:24 “Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti si duratti kadhatee si waammatutti,
2CH 6:25 samii irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya isaanii fi abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi.
2CH 6:26 “Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef samiiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan,
2CH 6:27 ati samii irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee, saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi.
2CH 6:28 “Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinonni isaan marsanitti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti,
2CH 6:29 yoo sabni kee Israaʼel rakkinaa fi dhukkubbii ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse,
2CH 6:30 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni;
2CH 6:31 yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaatanii karaa kee irra ni deemu.
2CH 6:32 “Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa kee guddichaaf, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaatiif jedhee biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee kadhate,
2CH 6:33 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif.
2CH 6:34 “Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee si kadhate,
2CH 6:35 ati samii irraa kadhannaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu.
2CH 6:36 “Waan namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya fagootti yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita;
2CH 6:37 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojuu isaanii keessatti si kadhatan,
2CH 6:38 yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffaman sana keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii, gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan,
2CH 6:39 ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu. Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi.
2CH 6:40 “Ammas yaa Waaqa koo kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatu iji kee haa argu; gurri kees haa dhagaʼu.
2CH 6:41 “Kanaafuu yaa Waaqayyo, yaa Waaqi,
2CH 6:42 Yaa Waaqayyo, Gooftaa, ati dibamaa kee hin gatin;
2CH 7:1 Yommuu Solomoon kadhannaa isaa fixatetti ibiddi samiidhaa gad buʼee aarsaa gubamuu fi aarsaawwan biraa nyaatee fixe; ulfinni Waaqayyoos mana qulqullummaa guute.
2CH 7:2 Sababii ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa guuteef luboonni mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuu hin dandeenye.
2CH 7:3 Israaʼeloonni hundi yommuu ibidda samiidhaa gad buʼuu fi ulfina Waaqayyoo mana qulqullummaa irratti arganitti qarqara karaa irratti jilbeenfatanii addaan lafatti gombifamuudhaan sagadan; akkana jedhaniis Waaqayyoon galateeffatan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan jiraata.”
2CH 7:4 Ergasii mootichii fi sabni hundi fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessan.
2CH 7:5 Solomoon Mootichis loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama aarsaa dhiʼeesse; akkasiin mootichii fi namoonni hundi mana qulqullummaa Waaqaa eebbisan.
2CH 7:6 Luboonni akkuma Lewwonni miʼoota faarfannaa Waaqayyo kanneen Daawit Mootichi ittiin Waaqayyoon jajachuudhaaf tolche kanneen yeroo inni, “Jaalalli isaa bara baraan ni jiraata” jedhee galateeffatutti fayyadan sana harkatti qabatanii dhaaban. Luboonnis fuullee Lewwotaa dhaabatanii malakata isaanii afuufan; Israaʼeloonni hundis dhadhaabachaa turan.
2CH 7:7 Solomoonis iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baase; inni sababii iddoon aarsaa kan inni naasii irraa hojjetee ture sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma baachuu hin dandaʼiniif aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa nagaa sana achumatti ni dhiʼeesse.
2CH 7:8 Kanaafuu Solomoon yeroo sanatti bultii torbaaf Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate.
2CH 7:9 Isaanis sababii bultii torba ayyaana eebba iddoo aarsaa ayyaaneffatanii bultii torba immoo ittuma fufanii ayyaana daasii ayyaaneffataniif bultii saddeettaffaatti wal gaʼii guddaa tokko ni godhatan.
2CH 7:10 Solomoonis guyyaa digdamii sadaffaa jiʼa torbaffaatti akka isaan mana isaaniitti galaniif namoota gad dhiise; isaanis sababii Waaqayyo Daawitiif, Solomoonii fi saba isaa Israaʼeliif waan gaarii godheef garaa isaaniitti gammadanii ni ililchan.
2CH 7:11 Yommuu Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa fixee waan mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa ofii isaa keessatti hojjechuu barbaade hunda raawwatetti,
2CH 7:12 Waaqayyos halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen: “Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera.
2CH 7:13 “Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef samii cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti,
2CH 7:14 yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.
2CH 7:15 Ammas kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatuuf iji koo ni banama; gurri koos ni dhagaʼa.
2CH 7:16 Ani akka Maqaan koo bara baraan achi jiraatuuf mana qulqullummaa kana filadhee eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira.
2CH 7:17 “Yoo ati akkuma Daawit abbaan kee godhe sana fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde,
2CH 7:18 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama Israaʼelin bulchu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawit wajjin kakuu gale sana teessoo mootummaa keetii jabeessee nan dhaaba.
2CH 7:19 “Garuu yoo isin duubatti garagaltanii seeraa fi ajaja ani isinii kenne sana irraa gara waaqota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan,
2CH 7:20 ani biyya koo kanan isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan buqqisa; mana qulqullummaa kanan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa; saboota hunda birattis waan kolfaatii fi waan qoosaa isa nan godha.
2CH 7:21 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa. Namni achiin darbu hundis, ‘Waaqayyo maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa.
2CH 7:22 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu.”
2CH 8:1 Dhuma waggaa digdamaatti yeroo itti Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi mana ofii isaa ijaaretti,
2CH 8:2 Solomoon gandoota Huuraam isaaf kennee ture sana haaromsee ijaaree Israaʼeloota achi keessa ni qubachiise.
2CH 8:3 Ergasii immoo Solomoon Hamaati Zoobaatti duulee ishee ni qabate.
2CH 8:4 Akkasumas gammoojjii keessatti Tadmoorii fi magaalaawwan waa itti kuusan kanneen duraan Hamaatitti ijaaree ture hunda ni ijaare.
2CH 8:5 Beet Horoon oliitii fi Beet Horoon gadii magaalaawwan daʼannoo godhee dallaa dhagaa, balbalawwanii fi danqaraawwan ittiin cufan itti tolche;
2CH 8:6 kana malees Baaʼilaatii fi magaalaawwan isaa kanneen waa itti kuusan hunda, magaalaawwan gaariiwwan isaatii fi magaalaawwan fardeen isaa hunda, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.
2CH 8:7 Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin jechuunis Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.
2CH 8:8 Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni hin barbadeessin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.
2CH 8:9 Solomoon garuu hojii isaatiif jedhee Israaʼeloota hin garboomsine; isaan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaa turan.
2CH 8:10 Isaan akkasumas qondaaltota Solomoon Mootichaa kanneen nama hojjechiisan dhibba lamaa fi shantaman keessaa qondaaltota hangafoota turan.
2CH 8:11 Solomoonis, “Sababii iddoon taabonni Waaqayyoo seene hundi qulqulluu taʼeef, niitiin koo masaraa mootummaa Daawit Mooticha Israaʼel keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee intala Faraʼoon sana magaalaa Daawit keessaa baasee gara mana isheef ijaare sanaatti ni fide.
2CH 8:12 Solomoon iddoo aarsaa kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo duratti ijaare sana irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof ni dhiʼeesse;
2CH 8:13 kanas akkuma seera waaʼee aarsaa kan guyyaa guyyaa kan Museen Sanbataaf, Ayyaana Baatii Haaraa fi ayyaanota waggaa keessaa sadaniif jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Torbanootaa fi Ayyaana Daasiif kenne sanaatti ni dhiʼeesse.
2CH 8:14 Innis akkuma seera abbaa isaa Daawititti gareewwan lubootaa hojii isaaniitti, Lewwota immoo akka isaan akkuma seera guyyaa guyyaatti tajaajila galataa kennanii fi akka isaan hojii lubootaa gargaaraniif filate. Akkasumas tokkoo tokkoo karraatti garee eegdota karraa ni ramade; Daawit namni Waaqaa sun waan kana ajajeetii.
2CH 8:15 Isaanis waan mootichi waaʼee mankuusaa fi waaʼee waan biraa irratti lubootaa fi Lewwota ajaje irraa hin jalʼanne.
2CH 8:16 Hojiin Solomoon hundi gaafa hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufamee jalqabee hamma dhuma manichaatti haala tolaadhaan hojjetame. Akkasiinis manni qulqullummaa Waaqayyoo ni xumurame.
2CH 8:17 Ergasii Solomoon gara magaalaawwan Eziyoon Geberii fi Eelooti kanneen biyya Edoom keessa qarqara galaanaatti argaman sanaa dhaqe.
2CH 8:18 Huuraamis dooniiwwan ajajjoonni ofii isaa kanneen galaanicha beekan ajajan ergeef. Isaanis namoota Solomoon wajjin dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii dhibba afurii fi shantama fidanii Solomoon Mootichatti kennan.
2CH 9:1 Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomoon dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Yerusaalem dhufte. Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte.
2CH 9:2 Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni inni isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre.
2CH 9:3 Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare,
2CH 9:4 nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte.
2CH 9:5 Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha.
2CH 9:6 Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti waan isaan jedhan sana hin amanne. Dhugumaan guddina ogummaa keetii keessaa walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta.
2CH 9:7 Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan!
2CH 9:8 Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee Waaqayyo Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera.”
2CH 9:9 Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa gonkumaa hin argamne.
2CH 9:10 Namoonni Hiiraamii fi namoonni Solomoon biyya Oofiir irraa warqee fidan; akkasumas muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii ni fidan.
2CH 9:11 Mootichis muka sandalii sana gulantaawwan mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa, akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Wanni akkasiis takkumaa Yihuudaa keessatti hin argamne.
2CH 9:12 Solomoon Mootichis waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne; inni waan isheen isaaf geessite caalaa kenneef. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite.
2CH 9:13 Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture;
2CH 9:14 kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi kan warra qabeenya xixinnaa irraa argamuu hin dabalatu. Akkasumas mootonni Arabaa fi bulchitoonni biyyaa hundi Solomooniif warqee fi meetii ni fidan.
2CH 9:15 Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe.
2CH 9:16 Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche. Tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee saqilii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe.
2CH 9:17 Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise.
2CH 9:18 Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; ejjenni miillaa kan warqee irraa hojjetame tokkos itti qabsiifamee ture. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture.
2CH 9:19 Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne.
2CH 9:20 Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi Masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne.
2CH 9:21 Mootichis dooniiwwan daldalaa kanneen namoonni Huuraam oofan qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture.
2CH 9:22 Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture.
2CH 9:23 Mootonni addunyaa hundi ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaadu ture.
2CH 9:24 Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture.
2CH 9:25 Solomoon gola fardeenii fi gaariiwwanii kuma afur akkasumas fardeen kuma kudha lama kanneen magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi of bira Yerusaalem keessa kaaʼate qaba ture.
2CH 9:26 Innis mootota Laga Efraaxiisiitii hamma biyya Filisxeemotaattii fi hamma daarii Gibxitti jiran hunda ni bulche.
2CH 9:27 Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe.
2CH 9:28 Fardeen Solomoon Gibxii fi biyyoota biraa hunda irraa bitamanii dhufan.
2CH 9:29 Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessatti, raajii Ahiiyaa namicha Shiiloo sanaa keessattii fi mulʼata Iddoon namichi waa himu sun waaʼee Yerobiʼaam ilma Nebaat arge keessatti barreeffamanii jiru mitii?
2CH 9:30 Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche.
2CH 9:31 Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.
2CH 10:1 Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
2CH 10:2 Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
2CH 10:3 Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi Israaʼel hundinuu gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
2CH 10:4 “Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
2CH 10:5 Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
2CH 10:6 Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
2CH 10:7 Isaanis, “Yoo ati saba kanaaf garaa laaftee isaan gammachiiftee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
2CH 10:8 Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
2CH 10:9 Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
2CH 10:10 Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
2CH 10:11 Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’ ”
2CH 10:12 Bultii sadii booddee akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana Yerobiʼaamii fi namoonni hundi gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
2CH 10:13 Mootichi immoo afaan hamaadhaan deebii kenneef. Gorsa maanguddootaas didee,
2CH 10:14 gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
2CH 10:15 Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
2CH 10:16 Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti, akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? Ilma Isseey irraas maal qabna? Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! Yaa Daawit atis mana kee eeggadhu!” Kanaafuu Israaʼeloonni hundi gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
2CH 10:17 Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
2CH 10:18 Rehooboʼaam mootichis Hadooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼeloonni immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Rehooboʼaam mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
2CH 10:19 Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.
2CH 11:1 Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaamiif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa fi Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
2CH 11:2 Garuu dubbiin Waaqayyoo kun akkana jedhee gara nama Waaqaa gara Shemaaʼiyaa ni dhufe;
2CH 11:3 “Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatii fi Israaʼeloota Yihuudaa fi Beniyaam keessa jiraatan hundaan akkana jedhi;
2CH 11:4 ‘Waaqayyo akkana jedha: Obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’ ” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyootiif ajajamanii Yerobiʼaamitti duuluu dhiisanii deebiʼan.
2CH 11:5 Rehooboʼaam Yerusaalem keessa jiraatee Yihuudaa keessatti immoo magaalaawwan ittisaa ni ijaarrate; isaanis:
2CH 11:6 Beetlihem, Eexaam, Teqooʼaa,
2CH 11:7 Beet Zuuri, Sookoo, Adulaam,
2CH 11:8 Gaati, Maareeshaa, Ziif,
2CH 11:9 Adooraayim, Laakkiish, Azeeqaa,
2CH 11:10 Zoraa, Ayaaloonii fi Kebrooni. Isaan kunneen magaalaawwan Yihuudaa fi Beniyaam keessatti jabeeffamanii ijaaramanii dha.
2CH 11:11 Innis ittisa isaanii jajjabeessee ajajjoota itti galche; nyaata, zayitii ejersaatii fi daadhii wayiniis achitti ni kuuse.
2CH 11:12 Magaalaawwan hunda keessas gaachanaa fi eeboo kaaʼee akka isaan jabaatan ni godhe. Akkasiinis Yihuudaa fi Beniyaamin kan ofii isaa godhate.
2CH 11:13 Luboonnii fi Lewwonni aanaalee Israaʼel hunda keessa jiraatan gara isaa goran.
2CH 11:14 Sababii Yerobiʼaamii fi ilmaan isaa akka luboota Waaqayyootti isaan ilaaluu didaniif, Lewwonni lafa dheeda isaanii fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Yihuudaa fi Yerusaalem dhufan.
2CH 11:15 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi fakkii waaqota tolfamoo bifa reʼee fi bifa jabbiitiin hojjete sanaaf luboota ofii isaa ni muuddate.
2CH 11:16 Warri gosoota Israaʼel hunda keessaa garaan isaanii Waaqayyo Waaqa Israaʼel bira jiru Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitiif aarsaa dhiʼeessuudhaaf Lewwota duukaa buʼanii Yerusaalem dhaqan.
2CH 11:17 Isaanis mootummaa Yihuudaa jajjabeessaa waggaa sadii Rehooboʼaam ilma Solomoon ni gargaaran; isaan waggoota sadan kana keessa karaa Daawitii fi Solomoon duukaa buʼaa turaniitii.
2CH 11:18 Rehooboʼaamis Maahalaati intala Yeriimooti ilma Daawitii fi Abiihaayil fuudhe; Abiihaayil kun immoo intala Eliiyaab ilma Isseey.
2CH 11:19 Isheenis: Yeʼuushi, Shemaariyaa fi Zahaam deesseef.
2CH 11:20 Ergasii immoo Maʼakaa intala Abesaaloom ni fuudhe; isheenis Abiyaa, Ataayi, Ziizaa fi Sheloomiit deesseef.
2CH 11:21 Rehooboʼaamis niitotaa isaa kaanii fi saajjatoowwan isaa caalaa Maʼakaa intala Abesaaloom ni jaallate. Innis walumatti niitota kudha saddeet, saajjatoowwan jaatama, ilmaan digdamii saddeetii fi intallan jaatama qaba ture.
2CH 11:22 Rehooboʼaamis mootii isa gochuuf jedhee Abiyaa ilma Maʼakaa sana obboloota isaa ilmaan mootii keessaa hoogganaa godhee muude.
2CH 11:23 Innis ogummaan ilmaan isaa keessaa tokko tokko aanaalee Yihuudaa fi Beniyaam keessa, gara magaalaawwan jabeeffamanii ijaaraman hundaatti ni erge. Ilmaan isaaf nyaata isaan gaʼu kennee niitota baayʼee illee isaan ni fuusise.
2CH 12:1 Rehooboʼaam erga mootii taʼee mootummaa isaa cimsatee booddee innii fi Israaʼeloonni isa wajjin jiraatan hundi seera Waaqayyoo eeguu didan.
2CH 12:2 Sababii isaan Waaqayyoof amanamuu didaniif waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane.
2CH 12:3 Innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatamaa fi loltoota Liibiyaa, kan Sukkiimiitii fi kan Itoophiyaa warra baayʼinni isaanii hin beekamne kanneen isa wajjin Gibxii dhufan fudhatee,
2CH 12:4 magaalaawwan Yihuudaa kanneen jajjabeeffamanii ijaaraman qabatee hamma Yerusaalemiitti ni dhufe.
2CH 12:5 Ergasii Shemaaʼiyaan raajichi gara Rehooboʼaamii fi bulchitoota Yihuudaa kanneen Shiishaaq sodaatanii Yerusaalem keessatti walitti qabamanii dhufee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Isin na dhiiftan; anis harka Shiishaaqitti isin kenneera’ ” jedhe.
2CH 12:6 Bulchitoonni Israaʼelii fi Rehooboʼaam mootichi gad of deebisanii, “Waaqayyo qajeelaa dha” jedhan.
2CH 12:7 Yommuu Waaqayyo akka isaan gad of deebisan argetti, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Shemaaʼiyaa dhufe; “Waan isaan gad of deebisaniif, ani dafeen isaan fura malee isaan hin balleessu. Dheekkamsi koos karaa Shiishaaqiin Yerusaalemitti hin dhangalaasu.
2CH 12:8 Taʼus isaan akka garaa garummaa ana tajaajiluu fi mootota biyya biraa tajaajiluu gidduu jiru beekaniif isaaf ni garboomu.”
2CH 12:9 Shiishaaq mootiin Gibxi yeroo Yerusaalem qabatetti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan guurratee gale.
2CH 12:10 Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne.
2CH 12:11 Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baachaa isa wajjin deemanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
2CH 12:12 Sababii Rehooboʼaam gad of deebiseef dheekkamsi Waaqayyoo isa irraa ni deebiʼe; kanaafuu inni guutummaatti hin balleeffamne; dhugumaan Yihuudaa keessa haala gaariitu ture.
2CH 12:13 Rehooboʼaam mootichis Yerusaalem keessatti of cimsee mootii taʼee ni jiraate. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture. Innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte.
2CH 12:14 Inni sababii Waaqayyoon barbaaduuf garaa isaa hin qopheessiniif waan hamaa hojjete.
2CH 12:15 Wantoonni bara mootummaa Rehooboʼaam keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman galmee seenaa kan Shemaaʼiyaa raajichaa fi seenaa dhalootaa kan Iddoon namichi ilaalaan sun barreesse keessatti barreeffamaniiru mitii? Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture.
2CH 12:16 Rehooboʼaam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 13:1 Bara mootummaa Yerobiʼaam keessa waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe;
2CH 13:2 innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Miikaayaa ture; isheen intala Uuriiʼeel namicha Gibeʼaa sanaa turte. Abiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
2CH 13:3 Abiyaan humna waraanaa kan namoota lola dandaʼan kuma dhibba afur of keessaa qabuun duule; Yerobiʼaam immoo loltoota ciccimoo kuma dhibba saddeetiin baʼee isa eegate.
2CH 13:4 Abiyaan Gaara Zemaaraayim kan biyya gaaraa Efreem irra dhaabatee akkana jedhe; “Yerobiʼaamii fi Israaʼel hundi mee na dhaggeeffadhaa!
2CH 13:5 Isin akka Waaqayyo Waaqni Israaʼel sun mootummaa Israaʼel Daawitii fi sanyiiwwan isaatiif kakuu soogiddaan bara baraan kenne hin beektanii?
2CH 13:6 Taʼus Yerobiʼaam ilmi Nebaat tajaajilaan Solomoon ilma Daawit sun gooftaa isaatti ni fincile.
2CH 13:7 Yeroo Rehooboʼaam ilmi Solomoon ijoollee waa murteeffachuu fi isaaniin mormuufis dandeettii hin qabneetti kashlabboonni faayidaa hin qabne tokko tokko naannoo isaatti walitti qabamanii isaan morman.
2CH 13:8 “Isin amma mootummaa Waaqayyoo kan sanyii Daawit harka jiruun mormuuf yaadaa jirtan. Isin dhugumaan tuuta guddaa dha; fakkiiwwan jabbiiwwan warqee kanneen akka isaan waaqota keessan isinii taʼaniif Yerobiʼaam isiniif tolche sanas of biraa qabdu.
2CH 13:9 Isin garuu luboota Waaqayyoo, ilmaan Arooniitii fi Lewwota of keessaa baaftanii akkuma namoota biyyoota kaanii luboota ofii keessanii hin muudannee? Namni dibicha loonii tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba qabatee of qulqulleessuu dhufu kam iyyuu waan waaqota hin taʼin sanaaf luba taʼa.
2CH 13:10 “Nuuf garuu Waaqayyo Waaquma keenya; nu isa hin dhiifne. Luboonni Waaqayyoon tajaajilanis ilmaan Aroon; Lewwonni immoo isaan ni gargaaru.
2CH 13:11 Isaan ganamaa fi galgala hunda aarsaa gubamuu fi ixaana urgaaʼu Waaqayyoof ni dhiʼeessu. Minjaala akka seeraatti qulqullaaʼe irra buddeena kaaʼanii galgala galgala immoo ibsaa baattuu ibsaa kan warqee irraa hojjetame irra jiru ni qabsiisu. Nu ajaja Waaqayyo Waaqa keenyaa ni eegna; isin garuu isa dhiiftaniirtu.
2CH 13:12 Waaqni nu wajjin jira; inni qajeelchaa keenya. Luboonni isaas malakata isaanii afuufanii waraana isinitti ni waamu. Yaa namoota Israaʼel isin hin milkooftaniitii, Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii hin lolinaa.”
2CH 13:13 Yerobiʼaam yeroo kanatti akka isaan utuma inni fuula Yihuudaa duraan jiruu karaa dugda duubaatiin isaan marsaniif loltoota isaa jaratti ni erge.
2CH 13:14 Namoonni Yihuudaa garagalanii akka duraa fi duubaan marfaman ni argan. Isaanis gara Waaqayyootti ni iyyatan; luboonni immoo malakata isaanii ni afuufan;
2CH 13:15 namoonni Yihuudaas iyya waraanaa ni dhageessisan. Waaqnis iyya isaaniitiin Yerobiʼaamii fi Israaʼeloota hunda fuula Abiyaa fi Yihuudaa duraa ni barbadeesse.
2CH 13:16 Israaʼeloonni fuula Yihuudaa duraa ni baqatan; Waaqnis dabarsee harka Yihuudootaatti isaan kenne.
2CH 13:17 Abiyaa fi namoonni isaa akka malee isaan miidhan; kanaafuu loltoota Israaʼel ciccimoo keessaa namni kuma dhibba shan ni dhume.
2CH 13:18 Lola sana irrattis namoonni Israaʼel akka malee ni dhaʼaman; namoonni Yihuudaa garuu sababii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii abdataniif ni moʼatan.
2CH 13:19 Abiyaanis Yerobiʼaamin ariʼee magaalaawwan Beetʼeel, Yishaanaa fi Efroon, gandoota naannoo isaanii jiran wajjin irraa ni fudhate.
2CH 13:20 Yerobiʼaam bara mootummaa Abiyaa keessa deebiʼee bayyanachuu hin dandeenye. Waaqayyo isa dhaʼe; innis ni duʼe.
2CH 13:21 Abiyaan garuu jabaachaa ni deeme. Innis niitota kudha afur fuudhee ilmaan digdamii lamaa fi dubara kudha jaʼa ni dhalche.
2CH 13:22 Wanni Abiyaan bara mootummaa isaa keessa hojjete biraa, waan inni hojjetee fi wanni inni dubbate galmee seenaa raajicha Iddoo keessatti barreeffameera.
2CH 14:1 Abiyaanis abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe; bara isaa keessas biyyattiin waggaa kudhan nagaadhaan jiraatte.
2CH 14:2 Aasaan waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii fi qajeelaa taʼe hojjete.
2CH 14:3 Innis iddoowwan aarsaa waaqota ormaa fi iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ni diige; soodduuwwan dhagaa fi siidaawwan Aasheeraa ni caccabse.
2CH 14:4 Akka sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa barbaadu, akka seera isaa fi ajaja isaaf bulu ni ajaje.
2CH 14:5 Magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaas iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa ixaanaa balleesse; mootummaanis isa jalatti nagaadhaan ni jiraate.
2CH 14:6 Innis waan biyyattiin nagaa argatteef Yihuudaa keessatti magaalaawwan dallaa jabaa qaban ni ijaare. Sababii Waaqayyo boqonnaa isaaf kenneef waggoota sana keessa namni tokko iyyuu lola isatti hin kaafne.
2CH 14:7 Innis namoota Yihuudaan akkana jedhe; “Kottaa nu magaalaawwan kanneen haa ijaarru; dallaa gamoo, cufaa fi danqaraawwan qabu itti naannessinee haa ijaarru; sababii nu Waaqayyo Waaqa keenya barbaanneef lafti kun ammas keenyuma; nu isa barbaanne; innis karaa hundaan boqonnaa nuuf kenne.” Isaan ni ijaaran; hojiin isaaniis ni milkaaʼeef.
2CH 14:8 Aasaan namoota Yihuudaa kanneen gaachana gurguddaa fi eeboo qabatan kuma dhibba sadii, namoota Beniyaam kanneen gaachana xixinnaa fi xiyyawwan qabatan kuma dhibba lamaa fi saddeettama qaba ture. Isaan kunneen hundi loltoota ciccimoo turan.
2CH 14:9 Zeraan namichi Itoophiyaa tokko immoo loltoota miliyoona tokkoo fi gaariiwwan dhibba sadii fudhatee hamma Maareeshaatti isaanitti ni duule.
2CH 14:10 Aasaanis isatti baʼe; isaanis Sulula Zefaataa keessatti Maareeshaa iddoo lolaa qabatan.
2CH 14:11 Kana irratti Aasaan Waaqayyo Waaqa isaa waammatee akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo, kan akka kee namoota humna hin qabne gargaaree namoota jajjaboo jalaa baasu tokko iyyuu hin jiru. Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, nu sitti of kennineerraatii nu gargaari; maqaa keetiinis waraana akka malee guddaa kanatti duulleerra. Yaa Waaqayyo ati Waaqa keenya; akka namni sitti cimuuf ofitti hin dhiisin.”
2CH 14:12 Waaqayyos fuula Aasaatii fi Yihuudaa duraa namoota Itoophiyoota ni dhaʼe; namoonni Itoophiyaas ni baqatan.
2CH 14:13 Aasaa fi loltoonni isaas hamma Geraaraatti isaan ariʼan. Waan Baayʼeen isaanii dhumaniif namoonni Itoophiyaa deebiʼanii bayyanachuu hin dandeenye; isaan fuula Waaqayyoo fi fuula loltoota isaa duratti barbadeeffamaniiruutii. Namoonni Yihuudaas boojuu baayʼee fudhatanii deebiʼan.
2CH 14:14 Isaan sababii sodaachisni guddaan Waaqayyo biraa jaratti dhufeef gandoota naannoo Geraaraa jiran hunda barbadeessan. Isaanis sababii wantoonni boojiʼaman hedduun achi turaniif gandoota kanneen ni saaman.
2CH 14:15 Akkasumas qubatawwan tiksootaa dhaʼanii karra hoolotaa fi reʼoota akka malee hedduu fi gaalawwan illee boojiʼanii fudhatan. Ergasiis Yerusaalemitti dachaʼan.
2CH 15:1 Hafuurri Waaqaa Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe.
2CH 15:2 Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; “Aasaa fi Yihuudaan hundi, Beniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Waaqayyo isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa.
2CH 15:3 Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Waaqa dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan.
2CH 15:4 Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame.
2CH 15:5 Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre.
2CH 15:6 Sababii Waaqni rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture.
2CH 15:7 Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii.”
2CH 15:8 Aasaan yommuu dubbii kanaa fi raajii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Beniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa Waaqayyoo kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru illee ni haaromse.
2CH 15:9 Innis Yihuudaa fi Beniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii.
2CH 15:10 Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman.
2CH 15:11 Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba Waaqayyoof aarsaa godhan.
2CH 15:12 Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan.
2CH 15:13 Namni Waaqayyo Waaqa Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture.
2CH 15:14 Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan Waaqayyoof ni kakatan.
2CH 15:15 Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Waaqa ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu Waaqayyo karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne.
2CH 15:16 Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube.
2CH 15:17 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu Waaqayyoof kennamee ture.
2CH 15:18 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
2CH 15:19 Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane.
2CH 16:1 Bara mootummaa Aasaa keessa waggaa soddomii jaʼaffaatti Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
2CH 16:2 Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa isaa keessaa baasee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaaf ni erge.
2CH 16:3 Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
2CH 16:4 Ben-Hadaadis yaada Aasaa mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Isaanis magaalaawwan Iiyoon, Daan, Abeel Maayimii fi magaalaawwan mankuusa Niftaalem hunda rukutan.
2CH 16:5 Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee hojii ofii isaa dhaabe.
2CH 16:6 Aasaan Mootichis namoota Yihuudaa hunda ni fide; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaanis Gebaa fi Miisphaa ittiin ijaarrate.
2CH 16:7 Yeroo sanattis Hanaaniin ilaalaan sun Aasaa mooticha Yihuudaa bira dhufee akkana jedheen; “Waan ati Waaqayyo Waaqa kee dhiiftee mootii Sooriyaa amanatteef loltoonni Sooriyaa si harkaa baʼaniiru.
2CH 16:8 Namoonni Itoophiyaa fi Liibiyaa gaariiwwanii fi abbootii fardaa kanneen akka malee baayʼee qaban sun loltoota jajjaboo hin turree? Taʼus waan ati Waaqayyoon abdatteef inni dabarsee harka keetti isaan siif kenne.
2CH 16:9 Iji Waaqayyoo warra garaa guutuun isa amanatan jajjabeessuuf guutummaa addunyaa ni ilaalaatii. Sababii ati hojii gowwummaa hojjetteef kana booddee waraanni sirraa hin caamu.”
2CH 16:10 Aasaan sababii kanaaf ilaaltuu sanatti ni aare; akka malee dheekkamees mana hidhaa keessa isa buuse. Yeruma sanatti Aasaan namoota tokko tokko gara jabinaan ni cunqurse.
2CH 16:11 Wanni bara mootummaa Aasaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.
2CH 16:12 Aasaanis bara mootummaa isaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti dhukkuba miillaatiin akka malee ni dhiphate. Taʼus inni dhukkuba akka malee hamaa kana keessatti illee ogeeyyii fayyaa malee gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanne.
2CH 16:13 Ergasii Aasaan bara mootummaa isaa keessa waggaa afurtamii tokkoffaatti duʼee abbootii ofii isaa wajjin boqote.
2CH 16:14 Isaanis awwaala inni Magaalaa Daawit keessatti dhagaa cabsee ofii isaatii qopheeffatetti isa ni awwaalan. Wasaasaa urgooftuuwwanii fi shittoodhaan guutame irra isa ni ciibsan; ulfina isaatiifis ibidda guddaa bobeessan.
2CH 17:1 Yehooshaafaax ilmi Aasaa iddoo abbaa isaa mootii taʼe; Israaʼelittis ni cime.
2CH 17:2 Innis magaalaawwan Yihuudaa kanneen jabeeffamanii ijaaraman hunda keessa loltoota ni qubachiise; Yihuudaa fi magaalaawwan Efreem kanneen abbaan isaa Aasaan qabatee ture keessas loltoota magaalaa eegan ni kaaʼe.
2CH 17:3 Sababii Yehooshaafaax bara dargaggummaa isaa keessa karaa abbaan isaa Daawit jiraachaa ture irra deddeebiʼeef Waaqayyo isa wajjin ture. Inni Baʼaal duukaa hin buune;
2CH 17:4 waan Israaʼeloonni hojjetan duukaa buʼuu dhiisee Waaqa abbootii isaa duukaa buʼuudhaan ajaja isaa ni eege.
2CH 17:5 Waaqayyos harka isaa jalatti mootummaa cimsee ni dhaabe; akka inni qabeenyaa fi ulfina guddaa qabaatuufis Yihuudoonni hundi Yehooshaafaaxiif kennaa fidaa turan.
2CH 17:6 Garaan isaas karaa Waaqayyootiif banamaa ture; kana malees iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi siidaawwan Aasheeraa Yihuudaa keessaa ni balleesse.
2CH 17:7 Bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti akka isaan magaalaawwan Yihuudaa keessatti barsiisaniif qondaaltota isaa jechuunis Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakkaariyaas, Naatnaaʼelii fi Miikaayaasin ni erge.
2CH 17:8 Lewwonni tokko tokko isaan wajjin turan; jarris: Shemaaʼiyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaaheel, Shemiiraamoot, Yoonaataan, Adooniyaa, Xoobbiyyahuu fi Xoob-Adooniyaa feʼa. Luboonni immoo Eliishaamaa fi Yehooraam turan.
2CH 17:9 Isaanis Kitaaba Seera Waaqayyoo fuudhanii deemanii guutummaa Yihuudaa keessatti ni barsiisan; magaalaawwan Yihuudaa hunda keessas deemanii saba ni barsiisan.
2CH 17:10 Sababii sodaachisni Waaqayyoo mootummoota biyyoota naannoo Yihuudaa jiran irra buʼeef isaan Yehooshaafaax wajjin wal hin lolle.
2CH 17:11 Filisxeemonni tokko tokko kennaawwanii fi meetii akka gibiraatti fidanii Yehooshaafaaxiif ni kennan; Araboonni immoo bushaayee jechuunis korbeeyyii hoolaa kuma torbaa fi dhibba torbaa fi korbeeyyii reʼee kuma torbaa fi dhibba torba fidaniif.
2CH 17:12 Yehooshaafaaxis ittuma caalchisee jabaachaa ni deeme; Yihuudaa keessattis daʼannoowwanii fi magaalaawwan miʼa itti kuusan ni ijaare;
2CH 17:13 inni mankuusaalee baayʼee magaalaawwan Yihuudaa keessaa qaba ture. Loltoota muuxannoo qabanis Yerusaalem keessa turse.
2CH 17:14 Haalli isaan itti maatii maatiidhaan hiriiranis kana: Yihuudaa keessaa ajajjoota gareewwanii 1,000: Adinaahi ajajjichi loltoota 300,000 wajjin;
2CH 17:15 isatti aanee Yehohaanaan ajajjichi loltoota 280,000 wajjin;
2CH 17:16 isatti aanee immoo Amaasiyaa ilma Zikrii kan tajaajila Waaqayyootiif jedhee of kenne loltoota 200,000 wajjin.
2CH 17:17 Gosa Beniyaam keessaa: Eliyaadaan loltuun jabaan sun loltoota xiyyaa fi gaachana qabatan 200,000 wajjin;
2CH 17:18 isatti aanee immoo Yehoozaabaad namoota lolaaf qophaaʼan 180,000 wajjin hiriire.
2CH 17:19 Isaan kunneen namoota inni magaalaawwan guutummaa Yihuudaa keessatti jabeeffamanii ijaaraman keessa qubachiiseen alatti warra mooticha tajaajilaa turanii dha.
2CH 18:1 Yehooshaafaax yeroo kanatti qabeenyaa fi ulfina guddaa qaba ture; innis karaa fuudhaatiin Ahaabitti ni firoome.
2CH 18:2 Innis waggoota muraasa booddee Ahaabin arguuf gara Samaariyaatti gad buʼe. Ahaabis isaa fi namoota isa wajjin turaniif hoolotaa fi sangoota baayʼee qalee akka inni Raamooti Giliʼaad lolu isa sossobate.
2CH 18:3 Ahaab mootichi Israaʼel, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa gaafate. Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koos akkuma saba keetii ti; nu waraana kana irratti isin wajjin dhaabanna” jedhee deebise.
2CH 18:4 Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe.
2CH 18:5 Kanaafuu mootichi Israaʼel raajota dhibba afur walitti qabee, “Nu Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baanu moo dhiisnu?” jedhee ni gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Waaqni dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif.
2CH 18:6 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate.
2CH 18:7 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen.
2CH 18:8 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
2CH 18:9 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan.
2CH 18:10 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse.
2CH 18:11 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan.
2CH 18:12 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
2CH 18:13 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni koo jedhu qofan isatti hima” jedhe.
2CH 18:14 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo ani dhiisu?” jedhee isa gaafate. Miikaayaanis, “Isaan dabarfamanii harka keetti kennamuutii waraanii moʼadhu” jedhee deebise.
2CH 18:15 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen.
2CH 18:16 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’ ”
2CH 18:17 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
2CH 18:18 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi; ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee, ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin dhadhaabatanuu nan arge.
2CH 18:19 Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaab mooticha Israaʼel gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha.
2CH 18:20 Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Ati maaliin isa dogoggorsita?’ jedhee isa gaafate.
2CH 18:21 “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen.
2CH 18:22 “Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneenii keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.”
2CH 18:23 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate.
2CH 18:24 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
2CH 18:25 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii,
2CH 18:26 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
2CH 18:27 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
2CH 18:28 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan.
2CH 18:29 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
2CH 18:30 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaatiin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje.
2CH 18:31 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; Yehooshaafaax garuu guddisee iyye; Waaqayyos isa gargaare. Waaqnis isa irraa isaan deebise;
2CH 18:32 ajajjoonni gaariiwwaniis yommuu akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganitti isa ariʼuu dhiisan.
2CH 18:33 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa qomee sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi. Ani madaaʼeeraatii” jedhe.
2CH 18:34 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootiin Israaʼelis ol jedhee hamma aduun dhiitutti gara warra Sooriyaatti garagalee irkatee gaarii isaa keessa oole. Yommuu biiftuun lixxettis ni duʼe.
2CH 19:1 Yeroo Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa nagaadhaan gara masaraa isaa Yerusaalemitti deebiʼetti,
2CH 19:2 Yehuun raajichi ilmi Hanaanii sun isa simachuuf baʼee akkana isaan jedhe; “Ati nama hamaa gargaaruu fi warra Waaqayyoon jibban jaallachuu qabdaa? Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo sitti dhufeera.
2CH 19:3 Taʼus waan ati siidaawwan Aasheeraa barbadeessitee fi sababii garaan kee Waaqa barbaaduudhaaf qophaaʼaa taʼeef wanni gaariin si biratti argameera.”
2CH 19:4 Yehooshaafaax Yerusaalem keessa jiraate; innis Bersheebaadhaa hamma biyya gaaraa Efreemitti saba gidduu deemee akka isaan gara Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitti deebiʼan godhe.
2CH 19:5 Innis biyya sana keessatti magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hundatti abbootii murtii muude.
2CH 19:6 Akkanas jedheen; “Waan hojjettan qalbeeffadhaa; Waaqayyo isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii.
2CH 19:7 Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.”
2CH 19:8 Yehooshaafaax akkasumas Yerusaalem keessatti akka isaan seera Waaqayyoo eegsisanii dubbii wal dhabiisaatiif illee araara buusaniif Lewwota, lubootaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel tokko tokko muude. Isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
2CH 19:9 Innis akkana jedhee isaan ajaje; “Isin amanamummaa fi garaa guutuun Waaqayyoon sodaachaa tajaajiluu qabdu.
2CH 19:10 Himatawwan namoota biyya keessanii kanneen magaalaa keessa jiraatan irraa waaʼee dhiiga dhangalaasuu yookaan waaʼee seeraa, waaʼee ajajawwanii, waaʼee labsii yookaan qajeelcha diduu irratti gara keessan dhufan, akka isaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjenneef akeekkachiisaa. Yoo kanaa achii dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessanitti ni dhufaa. Waan kana godhaa; isinis cubbuu hin hojjettan.
2CH 19:11 “Waan kan Waaqayyoo taʼe kam irratti iyyuu Amariyaan lubichi hangafti, waan kan mootii taʼe kam irratti iyyuu Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼeel hoogganaan gosa Yihuudaa isin irratti muudamaniiru; Lewwonni immoo qondaaltota taʼanii fuula keessan dura ni tajaajilu. Jabaadhaa hojjedhaa; Waaqayyo warra waan gaarii hojjettan wajjin haa jiraatu.”
2CH 20:1 Kana booddee Moʼaabonnii fi Amoononni Miʼuunota tokko tokko wajjin Yehooshaafaaxin loluuf dhufan.
2CH 20:2 Namoonni tokko tokkos dhufanii, “Waraanni akka malee guddaan isaa Edoom gama Galaanaatii sitti dhufaa jira. Duulli kunis kunoo Een Gaadii lafa Hazezoon Taamaar jedhamu gaʼee jira” jedhanii Yehooshaafaaxitti himan.
2CH 20:3 Yehooshaafaaxis waan akka malee sodaateef Waaqayyoon waammachuuf murteeffate; guutummaa Yihuudaa keessattis sooma labse.
2CH 20:4 Namoonni Yihuudaas gargaarsa Waaqayyoo barbaacha walitti ni qabaman; isaan dhugumaan isa barbaacha magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaa ni dhufan.
2CH 20:5 Yehooshaafaaxis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdii haaraa dura waldaa Yihuudaa fi Yerusaalem gidduu dhaabatee
2CH 20:6 akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, Waaqa abbootii keenyaa, ati Waaqa samii keessa jiraattu mitii? Ati mootummoota sabootaa hunda bulchita; humnii fi jabinni si harka jiru; namni siin mormuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
2CH 20:7 Yaa Waaqa keenya, ati jiraattota biyya kanaa fuula saba kee Israaʼel duraa baaftee biyyattii bara baraan sanyiiwwan Abrahaam michuu kee sanaaf hin kenninee?
2CH 20:8 Isaanis biyya sana keessa jiraatanii Maqaa keetiif mana qulqullummaa ni ijaaran; akkanas jedhan:
2CH 20:9 ‘Yoo wanni hamaan nutti dhufe, yoo goraadeen, murtiin yookaan dhaʼichi yookaan beelli nutti dhufe, nu fuula kee dura mana qulqullummaa kan Maqaa keetiin waamamu kana dura dhaabannee dhiphina keenya keessatti sitti iyyanna; atis nu dhageessee nu oolchitta.’
2CH 20:10 “Amma garuu namoonni Amoon, kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen ati akka Israaʼeloonni yeroo Gibxii dhufanitti isaan hin tuqne gootee akkasiin badiisa oolan sun as jiru.
2CH 20:11 Kunoo akka isaan biyya ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu baasuudhaan galata keenya nuu deebisuuf dhufan ilaali.
2CH 20:12 Yaa Waaqa keenya ati isaanitti hin murtuu? Nu waraana guddaa nutti dhufe kana of irraa deebisuudhaaf humna hin qabnu. Nu waan goonu hin beeknu; iji keenya garuu sirra jira.”
2CH 20:13 Namoonni Yihuudaa hundinuu niitota isaanii, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin fuula Waaqayyoo dura dhadhaabatanii turan.
2CH 20:14 Yahiziiʼeel ilma Zakkaariyaas ilma Benaayaa, ilma Yeʼiiʼeel ilma Mataan Lewwicha sanyii Asaaf sana utuma inni waldaa keessa dhabatuu Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe.
2CH 20:15 Innis akkana jedhe; “Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Waaqayyo akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Waaqaa ti malee kan keessan miti.
2CH 20:16 Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu.
2CH 20:17 Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Waaqayyo isin wajjin dhaabata.’ ”
2CH 20:18 Yehooshaafaax adda isaatiin lafatti gombifame; namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem hundinuus fuula Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamanii ni sagadan.
2CH 20:19 Ergasii immoo garee Qohaatii fi Qooraahi keessaa Lewwonni tokko tokko dhaabatanii, sagalee guddaadhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel ni galateeffatan.
2CH 20:20 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanii gammoojjii Teqooʼaatti ni qajeelan. Yehooshaafaaxis akkuma isaan baʼaniin dhaabatee, “Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem na dhaggeeffadhaa! Isin ni jabaattuutii Waaqayyo Waaqa keessan amanadhaa; raajota isaa illee amanaa isin ni milkooftuutii” jedhe.
2CH 20:21 Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii, “Waaqayyoon galateeffadhaa; jaalalli isaa bara baraan jiraataatii” jechaa Waaqayyoon faarfatanii sababii ulfina qulqullummaa isaatiif isa leellisaniif faarfattoota muude.
2CH 20:22 Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis Waaqayyo namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman.
2CH 20:23 Namoonni Amoonii fi Moʼaab namoota Tulluu Seeʼiir irraa dhufan guutumaan guutuutti barbadeessuudhaaf itti kaʼan. Isaanis erga namoota Seeʼiir dhufan sana fixanii booddee deebiʼanii wal fixan.
2CH 20:24 Namoonni Yihuudaas yommuu iddoo gara gammoojjiitti garagalee jiru gaʼanii waraana guddaa sana ilaalanitti reeffa lafatti kufe qofa argan; namni tokko iyyuu hin miliqne.
2CH 20:25 Kanaafuu Yehooshaafaaxii fi namoonni isaa boojuu isaanii guurrachuu dhaqan; isaanis miʼa lolaa hedduu fi uffata akkasumas miʼoota gatii guddaa baasan kan guurratanii fixuu hin dandeenye achitti ni argatan. Boojuun argames waan akka malee baayʼee tureef walitti qabuuf bultii sadii fudhate.
2CH 20:26 Bultii afuraffaatti lafa itti Waaqayyoof galata dhiʼeessan sana Sulula Beraakaa keessatti walitti qabaman. Kanaafuu iddoon suni hamma harʼaatti Sulula Beraakaa jedhamee waamama.
2CH 20:27 Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem sababii Waaqayyo waan isaan ittiin diinota isaanii irratti gammadan isaaniif kenneef Yehooshaafaaxiin hoogganamanii gammachuudhaan Yerusaalemitti deebiʼan.
2CH 20:28 Isaanis Yerusaalem seenanii baganaa, kiraaraa fi malakata qabatanii gara mana qulqullummaa Waaqayyoo ni dhaqan.
2CH 20:29 Mootummoonni biyyoota hundaas yommuu akka itti Waaqayyo diinota Israaʼel lole dhagaʼanitti Waaqa sodaachuun isaan qabate.
2CH 20:30 Mootummaan Yehooshaafaaxis waan Waaqni isaa karaa hundaan boqonnaa isaaf kenneef nagaadhaan ni jiraate.
2CH 20:31 Akkasiin Yehooshaafaax mootii taʼee Yihuudaa ni bulche. Inni yeroo mootii Yihuudaa taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte.
2CH 20:32 Innis karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete.
2CH 20:33 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis qalbii isaanii gara Waaqa abbootii isaaniitti hin deebine ture.
2CH 20:34 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa seenaa Yehuu ilma Hanaanii kan kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffame sana keessatti barreeffamaniiru.
2CH 20:35 Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate.
2CH 20:36 Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan.
2CH 20:37 Eliiʼezer raajichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, “Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef Waaqayyo hojii kee ni diiga” jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye.
2CH 21:1 Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 21:2 Obboloonni Yehooraam ilmaan Yehooshaafaax Azaariyaa, Yehiiʼeel, Zakkaariyaas, Ezaariyaas, Miikaaʼelii fi Shefaaxiyaa jedhaman ture. Isaan kunneen hundi ilmaan Yehooshaafaax mooticha Israaʼel sanaa turan.
2CH 21:3 Abbaan isaaniis kennaa meetii, kan warqeetii fi miʼoota gatii guddaa baasanii akkasumas magaalaawwan Yihuudaa keessaa kanneen dallaa jabaa qaban isaanii kenne; garuu sababii inni hangafa taʼeef mootummaa isaa Yehooraamiif kenne.
2CH 21:4 Yehooraam erga mootummaa abbaa isaa irratti jabaatee dhaabatee booddee obboloota isaa hundaa fi qondaaltota Israaʼel tokko tokko goraadeedhaan ni fixe.
2CH 21:5 Yehooraam yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche.
2CH 21:6 Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
2CH 21:7 Taʼus Waaqayyo sababii Daawit wajjin kakuu galeef mana Daawit balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni isaa fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
2CH 21:8 Bara Yehooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate.
2CH 21:9 Kanaafuu Yehooraam qondaaltota isaatii fi gaariiwwan isaa hunda wajjin achi dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe.
2CH 21:10 Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis sababii Yehooraam Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiiseef yeruma sanatti fincile.
2CH 21:11 Tulluuwwan Yihuudaa irrattis iddoowwan sagadaa ijaaree akka namoonni Yerusaalem sagaagalan gochuudhaan Yihuudaa karaa irraa jalʼise.
2CH 21:12 Yehooraamis xalayaa Eeliyaas raajicha biraa ergame tokko ni argate; xalayaan sunis akkana jedha: “Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: ‘Ati karaa abbaa kee Yehooshaafaax irra yookaan karaa Aasaa mooticha Yihuudaatti hin adeemne.
2CH 21:13 Ati garuu karaa mootota Israaʼel irra deemuudhaan akkuma manni Ahaab godhe sana Yihuudaa fi saba Yerusaalem sagaagalchiifte. Obboloota kee miseensota mana abbaa keetii kanneen sirra wayyan sana illee ni fixxe.
2CH 21:14 Kanaafuu Waaqayyo amma saba kee, ilmaan kee, niitota kee fi waan ati qabdu hunda dhaʼicha hamaadhaan dhaʼuuf jira.
2CH 21:15 Ati mataan kee iyyuu dhukkuba marʼumaanii kan guyyaa guyyaadhaan hammaachaa deemuun qabamta; dhuma irrattis dhukkubichi marʼumaan kee alatti yaasa.’ ”
2CH 21:16 Waaqayyos Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase.
2CH 21:17 Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef.
2CH 21:18 Waan kana hundaa booddee Waaqayyo dhukkuba marʼumaanii kan hin fayyineen Yehooraamin ni dhaʼe.
2CH 21:19 Innis oolee bulee dhuma waggaa lammaffaatti sababii dhukkuba hamaa sanaatiif marʼumaan isaa keessaa ni kufe; akka malees dhiphatee ni duʼe. Namoonni isaa akka abbootii isaatiif godhan sana ulfina isaatiif jedhanii ibidda hin bobeessine.
2CH 21:20 Yehooraam yeroo mootii taʼetti nama waggaa soddomii lamaa ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Yeroo inni duʼetti namni tokko iyyuu isaaf hin gaddine; innis Magaalaa Daawit keessatti awwaalame malee lafa mootonni itti awwaalamanitti hin awwaalamne.
2CH 22:1 Sababii Saamtonni Araboota wajjin qubata loltootaa seenan sun ilmaan isaa hangafoota hunda fixaniif namoonni Yerusaalem Ahaaziyaa ilma Yehooraam sana iddoo isaa buusanii mootii godhan. Kanaafuu Ahaaziyaa ilmi Yehooraam mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu ni jalqabe.
2CH 22:2 Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte.
2CH 22:3 Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe.
2CH 22:4 Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
2CH 22:5 Inni yeroo Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel wajjin Raamooti Giliʼaaditti Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf duuletti gorsuma isaanii duukaa buʼe. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
2CH 22:6 kanaafuu inni madaa isaan yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yehooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.
2CH 22:7 Sababii inni Yehooraamin gaafachuu dhaqeef Waaqni Ahaaziyaatti badiisa fide. Ahaaziyaan yommuu achi gaʼetti Yehuu ilma Nimshii sana simachuuf Yooraam wajjin gad baʼe. Yehuun immoo nama Waaqayyo akka inni mana Ahaab balleessuuf dibee dha.
2CH 22:8 Yehuun utuu mana Ahaabitti muraa jiruu qondaaltota Yihuudaa fi ilmaan firoota Ahaaziyaa kanneen Ahaaziyaa tajaajilaa turan argee isaan ni galaafate.
2CH 22:9 Ergasii immoo inni Ahaaziyaa barbaacha ni deeme; namoonni Yehuus Samaariyaadhaa iddoo inni itti dhokatee turee qabanii Yehuutti fidanii isa ni ajjeesan. Isaanis, “Inni ilma Yehooshaafaax namicha garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaade sanaa ti” jedhanii isa ni awwaalan. Kanaafuu mana Ahaaziyaa keessaa namni aangoo mootummaa qabachuu dandaʼu tokko illee hin turre.
2CH 22:10 Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mana mootii Yihuudaa guutumaan guutuutti balleessite.
2CH 22:11 Yehooshebaati intalli Yehooraam Mootichaa garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhachuudhaan guddiftuu isaa wajjin dinqatti ni dhoksite. Yoshabeti intalli Iyyooraam Mootichaa, niitiin Yehooyaadaa lubichaa sun obboleettii Ahaaziyaa turte; isheenis akka Ataaliyaan isa hin ajjeefneef mucaa sana dhoksite.
2CH 22:12 Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda isaan wajjin mana qulqullummaa Waaqaa keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.
2CH 23:1 Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti jabina ofii isaa ni argisiise. Innis ajajjuuwwan dhibbaa jechuunis Azaariyaa ilma Yirooham, Ishmaaʼeel ilma Yehohaanaan, Azaariyaa ilma Oobeed, Maʼaseyaa ilma Adaayaa fi Eliishaafaax ilma Zikrii wajjin kakuu seene.
2CH 23:2 Isaanis guutummaa Yihuudaa keessa deemanii magaalaawwan hunda keessaa Lewwotaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel walitti ni qaban. Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanittis,
2CH 23:3 waldaan guutuun mana qulqullummaa Waaqaa keessatti mooticha wajjin kakuu seene. Yehooyaadaanis akkana isaaniin jedhe; “Akkuma Waaqayyo waaʼee sanyii Daawit waadaa gale sanatti, ilmi mootichaa mootii ni taʼa.
2CH 23:4 Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin lubootaa fi Lewwota guyyaa Sanbataa hojiitti ramadamtan keessaa harka sadii keessaa harki tokko karra,
2CH 23:5 harka sadii keessaa harki tokko masaraa mootummaa, harka sadii keessaa harki tokko immoo karra ‘Karra Hundee’ jedhamu sana eegaa; namoonni kaan hundi immoo oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argamuu qabu.
2CH 23:6 Lubootaa fi Lewwota hojii irra jiran malee namni tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyoo hin seenin; isaan sababii qulqullaaʼaniif seenuu ni dandaʼu; warri kaan hundi garuu waan Waaqayyo isaan ajaje eeguu qabu.
2CH 23:7 Lewwonni tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii mootichatti naannaʼanii dhadhaabachuu qabu. Namni mana qulqullummaa seenu kan biraa kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.”
2CH 23:8 Lewwonnii fi namoonni Yihuudaa hundinuu akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Sababii Yehooyaadaan lubichi gareewwan eegumsaa keessaa tokko illee gad hin dhiisiniif tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan ni fudhatan.
2CH 23:9 Innis eeboowwan, gaachanawwan gurguddaa fi xixinnaa Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Waaqaa keessa turan ajajjuuwwan dhibbaatiif ni kenne.
2CH 23:10 Akka namoonni hundi miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibba mana qulqullummaatii hamma karaa kaaba mana qulqullummaatti iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii dhaabatan ni godhe.
2CH 23:11 Yehooyaadaa fi ilmaan isaa ilma mootichaa fidanii mataa isaa irra gonfoo kaaʼan; isaanis garagalcha kakuu itti kennanii akka inni mootii taʼe ni labsan. Isa dibaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii ni iyyan.
2CH 23:12 Ataaliyaan yommuu waca namoota fiiganii mooticha leellisanii dhageessetti, isaan bira gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqxe.
2CH 23:13 Yeroo isheen ilaaltetti mootichi balbala irra utubaa isaa bira dhaabatuu ni argite. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan; faarfattoonni immoo meeshaa muuziiqaatiin faarfannaa qajeelchaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
2CH 23:14 Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman erge. Lubichi, “Mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ishee hin ajjeesinaa” jedhee tureetii.
2CH 23:15 Kanaafuu isaan akkuma isheen karra “Karra Fardaa” jedhamu kan masaraa mootii duraa geesseen qabanii achumatti ishee ni ajjeesan.
2CH 23:16 Yehooyaadaan akka inni, sabnii fi mootichis saba Waaqayyoo taʼaniif kakuu ni dhaabe.
2CH 23:17 Sabni hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan.
2CH 23:18 Ergasii Yehooyaadaan luboota Lewwota turan kanneen Daawit mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ramadee ture sanatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa ni kenne; isaan akkuma Seera Musee keessatti barreeffame sanatti aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessuu qabu; Daawit akka isaan gammachuu fi faarfannaadhaan aarsaa kana dhiʼeessan ajajee tureetii.
2CH 23:19 Akkasumas inni akka namni karaa kamiin iyyuu xuraaʼe tokko iyyuu ol hin seenneef balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo dura eegdota ni dhaabe.
2CH 23:20 Innis ajajjuuwwan dhibbaa, namoota bebeekamoo, bulchitoota sabaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee mana qulqullummaa Waaqayyootii mooticha gad baasee fide. Isaanis karaa, “Karra Ol aanu” jedhamuutiin masaraa mootummaa seenanii mooticha teessoo mootummaa irra teessisan.
2CH 23:21 Saboonni biyyattii hundi ni ililchan; sababii Ataaliyaan goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte.
2CH 24:1 Yooʼaash yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte.
2CH 24:2 Yooʼaash bara Yehooyaadaa lubichaa hunda keessa waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.
2CH 24:3 Yehooyaadaan niitota lama isaaf file; innis ilmaanii fi intallan ni dhalche.
2CH 24:4 Yeroo xinnoo booddees Yooʼaash mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuuf murteesse.
2CH 24:5 Innis lubootaa fi Lewwota walitti waamee, “Gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana qulqullummaa Waaqa keessanii haaromsuuf oolu Israaʼeloota hunda irraa walitti qabaa. Kanas ammuma godhaa” isaaniin jedhe. Lewwonni garuu dafanii hin goone.
2CH 24:6 Kanaafuu mootichi Yehooyaadaa lubicha hangafticha waamee, “Ati maaliif akka Lewwonni gibira Museen garbichi Waaqayyoo fi yaaʼiin Israaʼel akka dunkaana dhuga baʼumsaatiif baafamu murteessan sana Yihuudaa fi Yerusaalem irraa walitti qaban hin godhin?” jedheen.
2CH 24:7 Yeroo sana ilmaan Ataaliyaa dubartittii hamtuu sanaa mana qulqullummaa Waaqaa cabsanii seenanii miʼoota qulqulleeffaman illee Baʼaalin tajaajiluuf itti ni fayyadaman.
2CH 24:8 Kanaafuu mootichi akka isaan sanduuqa maallaqni itti walitti qabamu hojjetanii karaa alaatiin balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo bira kaaʼan ni ajaje.
2CH 24:9 Akka isaan qaraxa Museen garbichi Waaqaa sun yeroo gammoojjii keessa turanitti Israaʼeloota ajaje sana Waaqayyoof fidaniif Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin tokko ni baʼe.
2CH 24:10 Qondaaltonni hundii fi sabni hundi buusii isaanii gammachuudhaan fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa ni buusan.
2CH 24:11 Yommuu sanduuqichi Lewwotaan gara qondaaltota mootiitti fidamee qondaaltonni sun akka maallaqni baayʼeen isa keessa jiru arganitti barreessaan mootichaa fi ajajaan lubicha hangafaa dhufanii maallaqa sana sanduuqa keessaa garagalchanii sanduuqicha iddoo isaatti deebisu ture. Isaanis guyyuma guyyaan akkas godhanii maallaqa akka malee baayʼee walitti ni qaban.
2CH 24:12 Mootichii fi Yehooyaadaanis maallaqa sana warra mana qulqullummaa Waaqayyoo hojjechiisuuf itti gaafatamummaa fudhatanitti ni kennan. Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf namoota dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaa, akkasumas mana qulqullummaa haaromsuudhaaf hojjettoota sibiilaa fi naasii ittiin ni qaxaran.
2CH 24:13 Hojjettoonni qaxaraman waan jabaatanii hojjetaniif hojiin sun isaaniif ni milkaaʼe. Mana qulqullummaa Waaqaas akkuma duraan turetti deebisanii ni haaromsan; ni jabeessanis.
2CH 24:14 Erga fixanii booddees maallaqa hafe fidanii mootichaa fi Yehooyaadaatti ni kennan; maallaqa sanaanis miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo jechuunis miʼoota tajaajilaa fi kan aarsaan gubamu ittiin dhiʼeeffamu akkasumas caabiiwwan, miʼoota warqee fi meetii ittiin ni hojjetan. Isaanis bara Yehooyaadaa keessa utuu gargar hin kutin mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti aarsaa gubamu dhiʼeessaa turan.
2CH 24:15 Yehooyaadaanis bara dheeraa jiraatee dulloomee waggaa dhibba tokkoo fi soddomatti ni duʼe.
2CH 24:16 Innis sababii Israaʼel keessatti Waaqaa fi mana qulqullummaa isaatiif waan gaarii hojjeteef Magaalaa Daawit keessatti mootota biratti ni awwaalame.
2CH 24:17 Erga Yehooyaadaan duʼee booddee qondaaltonni Yihuudaa dhufanii amanamummaa mootichaaf qaban ni ibsan; innis isaan dhaggeeffate.
2CH 24:18 Isaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo Waaqa abbootii isaanii dhiisanii siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo ni waaqeffatan. Sababii balleessaa isaaniifis dheekkamsi Waaqaa Yihuudaa fi Yerusaalemitti ni dhufe.
2CH 24:19 Akka isaan gara isaatti saba deebisaniif Waaqayyo raajota isaanitti erge; raajonnis isaanitti rageessan; isaan garuu dhagaʼuu hin barbaanne.
2CH 24:20 Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja Waaqayyoo eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin Waaqayyoon dhiiftaniif innis isin dhiiseera’ ” jedheen.
2CH 24:21 Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan.
2CH 24:22 Yooʼaash mootichi arjummaa Yehooyaadaan abbaan Zakkaariyaas isaaf godhe sana hin yaadanne; qooda kanaa inni ilma isaa ni ajjeese; innis yeroo duʼutti, “Waaqayyo waan kana haa argu; haaloos haa baʼu” jedhe.
2CH 24:23 Dhuma waggaa sanaattis loltoonni Sooriyaa Yooʼaashitti ni duulan; Yihuudaa fi Yerusaalem qabatanii hooggantoota sabaa hunda ni fixan. Isaanis waan boojiʼan hunda gara Damaasqootti mootii isaaniitti ni ergan.
2CH 24:24 Loltoonni Sooriyaa namoota xinnoo qabatanii dhufan illee Waaqayyo loltoota akka malee baayʼee harka isaaniitti dabarsee ni kenne. Sababii Yihuudoonni Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii dhiisaniif Yooʼaashitti murtiin murame.
2CH 24:25 Warri Sooriyaa yommuu baʼanitti Yooʼaashin akka malee madeessanii ni deeman. Qondaaltonni isaas sababii inni ilma Yehooyaadaa lubichaa ajjeeseef isatti mariʼatanii siree isaa irratti isa ajjeesan. Kanaafuu inni duʼee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne.
2CH 24:26 Warri isatti mariʼatanis Zaabaad ilma Shimeʼaati dubartii Amoon sanaa fi Yehoozaabaad ilma Shimriiti dubartii Moʼaab sanaa turan.
2CH 24:27 Seenaan ilmaan isaa, raajiiwwan waaʼee isaa dubbataman hedduunii fi seenaan haaromfamuu mana qulqullummaa Waaqaa kitaaba seenaa moototaa keessatti barreeffameera. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 25:1 Amasiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa, Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
2CH 25:2 Innis waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe ni hojjete; garuu garaa guutuudhaan miti.
2CH 25:3 Inni erga jabeessee toʼannaa isaa jalatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe.
2CH 25:4 Taʼus inni akka waan Seera keessatti, Kitaaba Musee keessatti kan Waaqayyo, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa” jedhee ajaje sanaatti tarkaanfii fudhate malee ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin fixne.
2CH 25:5 Amasiyaa saba Yihuudaa walitti waamee akkuma maatii isaaniitti ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa guutummaa Yihuudaa fi Beniyaam keessatti ramade. Sana booddees warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe walitti qabee akka namoonni duulaaf qophaaʼan kanneen eeboo fi gaachana qabachuu dandaʼan kuma dhibba sadii taʼan argate.
2CH 25:6 Akkasumas Israaʼel keessaa loltoota jajjaboo kuma dhibba tokko meetii taalaantii dhibba tokkoon ni qaxarate.
2CH 25:7 Garuu namni Waaqaa tokko isa bira dhufee akkana jedheen; “Yaa mootii, sababii Waaqayyo Israaʼel wajjinis taʼu namoota Efreem kam iyyuu wajjin hin jirreef loltoonni Israaʼel kunneen si wajjin hin duulin.
2CH 25:8 Yoo ati sodaa malee lola dhaqxe illee Waaqni fuula diinota keetii duratti si kuffisa; Waaqni gargaaruufis kuffisuufis humna qabaatii.”
2CH 25:9 Amasiyaa immoo, “Garuu taalaantiin dhibbi ani loltoota Israaʼeliif baase sun maal haa taʼu ree?” jedhee nama Waaqaa sana ni gaafate. Namni Waaqaa sun immoo deebisee, “Waaqayyo waan sana caalu iyyuu siif kennuu ni dandaʼa” jedheen.
2CH 25:10 Kanaafuu Amasiyaa loltoota biyya Efreemii isa bira dhufan sana akka isaan biyya isaaniitti deebiʼaniif gad dhiise. Isaanis Yihuudaatti aaranii akka malee dheekkamaa gara biyya isaaniitti deebiʼan.
2CH 25:11 Amasiyaa humna isaa jabeeffatee loltoota isaa gara Sulula Soogiddaatti erge; achittis namoota Seeʼiir kuma kudhan ni fixe.
2CH 25:12 Loltoonni Yihuudaas namoota kuma kudhan biraa boojiʼan; fiixee kattaa tokkoottis ol baasanii achi irraa gad isaan dadarbatan; hundi isaaniis caccabanii hurraaʼan.
2CH 25:13 Loltoonni Amasiyaa akka isaan isa wajjin hin duulleef gara biyya isaaniitti deebisee erge sun garuu magaalaawwan Yihuudaa kanneen Samaariyaadhaa hamma Beet Horoonitti jiran ni dhaʼan. Isaanis namoota kuma sadii ajjeesanii boojuu baayʼee fudhatanii deeman.
2CH 25:14 Amasiyaa yommuu namoota Edoom fixee deebiʼetti waaqota saba Seeʼiir fudhatee gale. Innis akkuma waaqota isaatti dhaabbatee sagadeefii aarsaa gubamu isaaniif ni dhiʼeesse.
2CH 25:15 Waaqayyos akka malee Amasiyaatti aaree raajii tokko itti erge; raajiin sunis, “Ati maaliif waaqota saba kanaa kanneen saba ofii isaa iyyuu harka keetii baasuu hin dandeenye gorsa gaafatta?” jedheen.
2CH 25:16 Mootichis utuma inni dubbachaa jiruu, “Nu akka ati mootii gorsituuf si muudneerraa? Calʼisi! Maaliif rukutamta?” jedheen. Raajiin sunis ni calʼise; garuu, “Sababii ati gorsa koo dhagaʼuu diddee waan kana gooteef, ani akka Waaqni si balleessuuf murteesse nan beeka” jedheen.
2CH 25:17 Amasiyaa mootichi Yihuudaa erga gorsitoota isaatiin mariʼatee booddee, “Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa” jedhee qoosaa kana gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ni erge.
2CH 25:18 Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; “Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme.
2CH 25:19 Ati, ‘Kunoo ati dhugumaan Edoomin moʼatteerta’ ofiin jettee amma of tuulaa jirta. Amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?”
2CH 25:20 Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; sababii isaan waaqota Edoom duukaa buʼaniif Waaqni harka Yooʼaashitti dabarsee isaan kennuuf murteesseeraatii.
2CH 25:21 Kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa biyya Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan.
2CH 25:22 Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate.
2CH 25:23 Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalemitti isa fidee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture.
2CH 25:24 Innis warqee fi meetii hunda, akkasumas miʼa mana qulqullummaa Waaqaa keessatti argamu kan Oobeed Edoom eegaa ture hunda, qabeenya masaraa mootummaa fi namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe.
2CH 25:25 Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate.
2CH 25:26 Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
2CH 25:27 Yeroo Amasiyaa Waaqayyoon duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan.
2CH 25:28 Isaanis fardaan isa fidanii Magaalaa Yihuudaatti abbootii isaa biratti isa ni awwaalan.
2CH 26:1 Ergasii namoonni Yihuudaa hundi Uziyaan nama waggaa kudha jaʼa sana fuudhanii iddoo abbaa isaa iddoo Amasiyaa buusanii mootii ni godhan.
2CH 26:2 Erga Amasiyaa abbootii isaa wajjin boqotee booddee namni Eelootin deebisee ijaaree gara Yihuudaatti deebisee Uziyaan ture.
2CH 26:3 Uziyaan yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche; maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte.
2CH 26:4 Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete.
2CH 26:5 Inni bara Zakkaariyaas isa akka inni Waaqa sodaatu isa barsiise sanaa keessa Waaqa barbaade. Yeroo inni Waaqayyoon barbaade hundas Waaqni isa ni milkoomse.
2CH 26:6 Innis Filisxeemotatti duulee dallaawwan Gaati, kan Yabinee fi kan Ashdood ni diige. Ergasii Ashdood birattii fi bulchiinsota Filisxeemotaa kaan keessatti magaalaawwan deebisee ni ijaare.
2CH 26:7 Yeroo inni Filisxiyaatti, Araboota Guur Baʼaalittii fi Meʼuunootatti kaʼetti Waaqni isa gargaare.
2CH 26:8 Warri Amoonis Uziyaaniif gibira ni fidan; sababii inni baayʼee jabaateef gurri isaa hamma daangaa Gibxitti beekame.
2CH 26:9 Uziyaanis Yerusaalem keessatti Karra Golee irratti, Karra sululaa irrattii fi golee dallaa irratti gamoowwan eegumsaa ni ijaare.
2CH 26:10 Akkasumas inni sababii gaarran jalaa fi dirree irraa horii akka malee baayʼee qabuuf gammoojjii keessatti gamoowwan eegumsaa ijaaree boolla bishaanii hedduus ni qote; inni waan hojii qotiisaa jaallatuuf qottoota gaarranii fi lafa gabbataa qotanii wayiniis dhaaban qaba ture.
2CH 26:11 Kana malees Uziyaan hoomaa waraanaa kan akka gaarii leenjifamee waraanaaf qophaaʼe qaba ture; hoomaan waraanaa kunis dura buʼummaa Hanaaniyaa isa qondaaltota mootichaa keessaa tokko taʼe sanaan akkuma baayʼina isaaniitti garee gareedhaan Yeʼiiʼeel barreessaa sanaa fi Maʼaseyaa ajajjichaan gurmeeffame.
2CH 26:12 Baayʼinni hooggantota maatii kanneen loltoota irratti muudamanii walumatti 2,600 ture.
2CH 26:13 Ajaja isaanii jalattis hoomaa waraanaa kan namoota lolaaf leenjifaman 307,500 of keessaa qabu tokkotu ture; hoomaan kunis humna guddaa kan yeroo mootichi diinota isaatti duulutti isa gargaaruu dha.
2CH 26:14 Uziyaan loltoota hundaaf gaachana, eeboo, gonfoo sibiilaa, qomee sibiilaa, xiyyaa fi furrisa dhagaa kenne.
2CH 26:15 Innis Yerusaalem keessatti meeshaawwan namoota ogeeyyiidhaan hojjetaman kanneen gamoowwan eegumsaatii fi goleewwan ittisaa gubbaatti xiyya darbachuu fi dhagaa furuursuuf fayyadan ijaare. Innis hamma jabaatutti waan gargaarsa argateef maqaan isaa fagootti illee balʼinaan ni beekame.
2CH 26:16 Garuu Uziyaan erga jabaatee booddee, of tuulummaan isaa kufaatii isatti fide. Innis iddoo aarsaa ixaanaatti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuudhaan amanamummaa Waaqayyo Waaqa isaatiif qabu irraa duubatti ni deebiʼe.
2CH 26:17 Azaariyaa lubichis luboota Waaqayyoo warra waa hin sodaanne kan biraa saddeettama wajjin isa duukaa ni seene.
2CH 26:18 Isaanis Uziyaan mootichaan mormanii, “Yaa Uziyaan Waaqayyoof ixaana aarsuun luboota sanyii Aroon warra ixaana aarsuuf filataman sanaaf malee siif hin malu. Ati sababii amanamaa hin taʼiniif Waaqayyo Waaqa biraa ulfina hin argattuutii iddoo qulqulluu kanaa baʼi” jedhaniin.
2CH 26:19 Uziyaanis utuu ixaana aarsuuf girgiraa harkatti qabatee qophaaʼee jiruu ni aare. Innis utuma mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti iddoo aarsaa ixaana duratti lubootatti aaraa jiruu ijuma isaanii duratti lamxiin adda isaatti ni baʼe.
2CH 26:20 Azaariyaa lubichi hangafnii fi luboonni biraa hundinuu yeroo isa ilaalanitti akka lamxiin adda isaa irra jiru ni argan; kanaafuu isaan dafanii gad isa baasan. Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isa dhaʼeef dhugumaan inni iyyuu baʼuuf ariifatee ture.
2CH 26:21 Uziyaan mootichi hamma gaafa duʼuutti lamxaaʼee ture. Innis waan lamxaaʼee tureef mana qulqullummaa Waaqayyoo irraa citee mana kophaa keessa ni jiraate. Ilmi isaa Yootaam ilmi isaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche.
2CH 26:22 Wantoonni bara mootummaa Uziyaan keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman biraan Isaayyaas raajicha ilma Amoosiin galmeeffamaniiru.
2CH 26:23 Uziyaanis abbootii isaa wajjin boqotee sababii namoonni, “Inni lamxii qaba” jedhaniif inni lafa awwaala moototaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 27:1 Yootaam yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte.
2CH 27:2 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; inni garuu akka abbaa isaa mana qulqullummaa Waaqayyoo hin seenne. Taʼus namoonni cubbuu hojjechuu ittuma fufan.
2CH 27:3 Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare; dallaa dhagaa kan gaara Oofeel irrattis hojiiwwan ijaarsaa baayʼee ni hojjete.
2CH 27:4 Gaarran Yihuudaa irratti magaalaawwan, bosona keessatti immoo daʼannoowwanii fi gamoowwan ni ijaare.
2CH 27:5 Yootaamis mootii Amoonotaa waraanee isaan ni moʼate. Waggaa sana keessa Amoononni meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu safartuu qoroosii kuma kudhan ni kennaniif. Amoononni waggaa lammaffaa fi waggaa sadaffaattis hammasuma ni kaffalaniif.
2CH 27:6 Yootaam sababii fuula Waaqayyo Waaqa isaa dura amanamummaan deddeebiʼeef jabaachaa deeme.
2CH 27:7 Wantoonni bara Yootaam keessa hojjetaman biraa, lola inni lolee fi wantoonni inni hojjete biraa kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru.
2CH 27:8 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche.
2CH 27:9 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 28:1 Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hin hojjenne.
2CH 28:2 Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee Baʼaalin waaqeffachuuf jedhees waaqota tolfamoo baqsee ni tolche.
2CH 28:3 Inni gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
2CH 28:4 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
2CH 28:5 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni isaa dabarsee harka mootii Sooriyaatti isa kenne. Warri Sooriyaas isa moʼatanii namoota isaa hedduus boojiʼanii Damaasqootti geessan. Achii immoo inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; mootichis miidhaa guddaa isa irraan ni gaʼe.
2CH 28:6 Sababii sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiiseef Pheqaan ilmi Remaaliyaa guyyaa tokkotti loltoota Yihuudaa kuma dhibba tokkoo fi digdama ni fixe.
2CH 28:7 Zikriin loltuun jabaan gosa Efreem sun immoo Maʼaseyaa ilma mootichaa, Azriiqaam ajajaa masaraa mootummaa fi Elqaanaa itti aanaa mootichaa ni ajjeese.
2CH 28:8 Israaʼeloonni firootuma isaanii irraa niitota, ilmaanii fi intallan kuma dhibba lama ni boojiʼan. Akkasumas boojuu akka malee baayʼee fudhatanii Samaariyaatti ni deebiʼan.
2CH 28:9 Garuu raajiin Waaqayyoo kan Oodeed jedhamu tokko achi ture; innis yeroo loltoonni Samaariyaadhaa deebiʼanitti isaan simachuuf ni baʼe. Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii waan Yihuudaatti aareef dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Isin garuu dheekkamsa hamma samiitti ol fagaatuun isaan ni fixxan.
2CH 28:10 Ammas dhiirotaa fi dubartoota Yihuudaa fi Yerusaalem garboota keessan gochuu ni yaaddan. Isin mataan keessan iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti cubbuu hin hojjennee ree?
2CH 28:11 Mee na dhagaʼaa! Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼeef namoota biyya keessanii kanneen boojitanii fiddan sana deebisaa.”
2CH 28:12 Ergasiis hangafoota namoota Efreem keessaa tokko tokko jechuunis Azaariyaa ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshileemoot, Yehiizqiiyaa ilmi Shaluumii fi Amaasaayi ilmi Hadilaay warra duulaa galaa jiran mormuudhaan
2CH 28:13 akkana jedhan; “Isin boojiʼamtoota kanneen as fiduu hin qabdan; yoo kanaa achii nu fuula Waaqayyoo duratti cubbamoota ni taana. Isin amma illee cubbuu fi balleessaa keenya ittuma dabaluu feetuu? Yakki keenya duraanuu baayʼateera; dheekkamsi isaa Israaʼelitti bobaʼeeraatii.”
2CH 28:14 Kanaafuu loltoonni fuula qondaaltotaatii fi yaaʼii guutuu duratti boojiʼamtootaa fi boojuu gad dhiisan.
2CH 28:15 Namoonni maqaan isaanii eerames loltoota harka boojiʼamtoota ni fuudhan; waan boojiʼame irraas warra qullaa jiran hundatti wayyaa ni uffisan. Isaanis uffataa fi kophee, waan nyaatamuu fi waan dhugamu illee ni kennaniif; dibatas isaan diban. Warra dadhaban hunda immoo harree irra teessisanii biyya firoonni isaanii jiran Magaalaa Meexxii sanatti gara Yerikootti isaan deebisanii ofii immoo Samaariyaatti ni dachaʼan.
2CH 28:16 Yeroo sanatti Aahaaz Mootichi gargaaraa argachuuf gara mootii Asooritti nama ergate.
2CH 28:17 Edoomonni ammas dhufanii Yihuudaatti balaa buusanii boojiʼamtoota fudhatanii deemanii turaniitii;
2CH 28:18 Filisxeemonni immoo magaalaawwan gaarran jalaa fi kanneen gama kibba Yihuudaatti argaman weeraranii Beet Shemeshi, Ayaaloon, Gedeerooti, Sookoo, Tiimnaahi, Gimzoo fi gandoota naannoo isaanitti argaman qabatanii keessa ni qubatan.
2CH 28:19 Sababii Aahaaz mootichi Israaʼel saba Yihuudaa cubbuuf kakaasee ofii immoo Waaqayyoof amanamuu dideef Waaqayyo Yihuudaa ni salphise.
2CH 28:20 Tiiglaat-Philneeser mootichi Asoor gara isaa dhufee ture; taʼus inni qooda isa gargaaru rakkina isatti fide.
2CH 28:21 Aahaaz mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa, masaraa mootii fi mana ilmaan mootiitii waan tokko tokko fuudhee mootii Asooriif kennaa godhee ni dhiʼeesse; taʼus kunis isa hin gargaarre.
2CH 28:22 Aahaaz Mootichi yeroo rakkina isaa keessa illee ittuma caalchisee Waaqayyoof amanamuu ni dide.
2CH 28:23 Innis waaqota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; “Waaqonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf” jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan.
2CH 28:24 Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoos cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe.
2CH 28:25 Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase.
2CH 28:26 Wantoonni bara mootummaa isaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa fi akki inni itti jiraate hundi kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
2CH 28:27 Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa Yerusaalem keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala mootota Israaʼel keessa hin kaaʼamne. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 29:1 Hisqiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas.
2CH 29:2 Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete.
2CH 29:3 Inni bara mootummaa isaa keessa jiʼa jalqaba waggaa tokkoffaatti balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoo ni bane; ni haaromses.
2CH 29:4 Lubootaa fi Lewwota waamsisee oobdii karaa baʼa biiftuutiin jiru irratti walitti isaan qabee
2CH 29:5 akkana jedheen; “Yaa Lewwota, mee na dhagaʼaa! Amma of qulqulleessaatii mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii illee qulqulleessaa. Waan xuraaʼaa hunda iddoo qulqulluu keessaa baasaa.
2CH 29:6 Abbootiin keenya sababii amanamoo hin turiniif fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti waan hamaa hojjetanii isa irraa garagalan. Isaanis iddoo jireenya Waaqayyoo irraa fuula isaanii deebifatanii dugda isaanii isatti garagalchan.
2CH 29:7 Akkasumas balbala gardaafoo cufanii ibsaawwan ni dhaamsan. Isaan Waaqa Israaʼeliif iddoo qulqulluutti ixaana hin aarsine yookaan aarsaa gubamu hin dhiʼeessine.
2CH 29:8 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Yihuudaa fi Yerusaalem irra buʼe; inni akkuma isin ija keessaniin arguu dandeessan kana nama qaanii, nama qoosaa fi nama kolfaa isaan godhe.
2CH 29:9 Sababiin abbootiin keenya goraadeedhaan dhumaniif, sababiin ilmaan keenya, intallanii fi niitonni keenya illee boojiʼamaniif kanuma.
2CH 29:10 Ani amma akka dheekkamsi isaa inni sodaachisaan sun nurraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa Israaʼel wajjin kakuu galuu yaadeera.
2CH 29:11 Yaa ilmaan ko, egaa hin dagatinaa; Waaqayyo akka isin fuula isaa dura dhaabattaniif, akka isa tajaajiltaniif, akka fuula isaa duratti hojjettoota isaa taatanii ixaana aarsitaniif isin filateeraatii.”
2CH 29:12 Ergasii Lewwonni kunneen hojiitti bobbaʼan; isaanis: Ilmaan Qohaatotaa keessaa, Mahat ilma Amaasaayii fi Yooʼeel ilma Azaariyaa; ilmaan Meraarotaa keessaa, Qiish ilma Abdii fi Azaariyaa ilma Yehaleliʼeel; ilmaan Geershoonotaa keessaa, Yooʼak ilma Zimaa fi Eeden ilma Yooʼaa;
2CH 29:13 ilmaan Eliisaafaanotaa keessaa, Shimrii fi Yeʼiiʼeel; ilmaan Asaaf keessaa, Zakkaariyaasii fi Mataaniyaa;
2CH 29:14 ilmaan Heemaan keessaa, Yehiiʼeelii fi Shimeʼii; ilmaan Yeduutuun keessaa, Shemaaʼiyaa fi Uziiʼeel.
2CH 29:15 Isaan erga obboloota isaanii walitti qabanii of qulqulleessanii booddee akkuma mootichi akka dubbii Waaqayyootti isaan ajajetti mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan.
2CH 29:16 Luboonnis mana Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan. Isaanis waan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argan kan qulqulluu hin taʼin hunda gara oobdii mana qulqullummaa Waaqayyootti gad baasan. Lewwonnis achii guuranii Sulula Qeedroonitti geessan.
2CH 29:17 Isaanis hojii qulqulleessuu kana guyyaa jalqaba jiʼa duraatii jalqabanii bultii saddeettaffaatti gardaafoo Waaqayyoo bira ni gaʼan. Guyyaa saddeet itti dabalanii mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessanii jiʼa tokkoffaa guyyaa kudha jaʼaffaatti fixan.
2CH 29:18 Isaanis gara Hisqiyaas Mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin; “Nu guutummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaan gubamu itti dhiʼeeffamu miʼa isaa hunda wajjin, minjaala buddeenni qulqulleeffame irra kaaʼamu miʼa isaa hunda wajjin qulqulleessineerra.
2CH 29:19 Miʼoota Aahaaz mootichi yeroo mootii turetti amanamummaa dhabee iddoo isaaniitii fuudhe hunda qulqulleessineerra; miʼoonni sunis fuula iddoo aarsaa Waaqayyoo dura jiru.”
2CH 29:20 Hisqiyaas Mootichi guyyaa itti aanu ganama bariidhaan qondaaltota magaalaa walitti qabee gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe.
2CH 29:21 Isaanis mootummaaf, mana qulqullummaa fi Yihuudaaf korommii loonii torba, korbeeyyii hoolaa torba, xobbaallaawwan torbaa fi korbeeyyii reʼee torba aarsaa cubbuu godhanii ni dhiʼeessan. Mootichis akka isaan horii kanneen iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa dhiʼeessaniif luboota sanyii Aroon sana ni ajaje.
2CH 29:22 Luboonnis korommii loonii sana qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; itti aansaniis korbeeyyii hoolaa qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; ergasii immoo xobbaallaawwan qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan.
2CH 29:23 Reʼoonni aarsaa cubbuutiif fidamanis fuula mootichaa fi fuula waldaa duratti dhiʼeeffaman; jarris isaan irra harka isaanii kaaʼan.
2CH 29:24 Sababii mootichi aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu Israaʼel hundaaf ajajeef luboonni reʼoota qalanii Israaʼel hundaaf araara buusuuf dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti dhiʼeessan.
2CH 29:25 Innis akkuma Daawitii fi Gaad ilaaltuu mootichaa fi Naataan raajichaan ajajametti Lewwota kilillee, baganaa fi kiraara qabachiisee mana qulqullummaa Waaqayyootti ramade; kunis ajaja Waaqayyo karaa raajota isaatiin kennee dha.
2CH 29:26 Kanaafuu Lewwonni miʼa faarfannaa kan Daawit, luboonni immoo malakata isaanii qabatanii qophaaʼanii dhaabatan.
2CH 29:27 Hisqiyaas akka aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamuuf ajaje. Akkuma aarsaan dhiʼeeffamuu jalqabeen faarfannaan malakataa fi miʼa faarfannaa kan Daawit mooticha Israaʼeliin Waaqayyoof faarfatamus ni jalqabame.
2CH 29:28 Waldaan guutuun gad jedhee sagade; faarfattoonni ni faarfatan; warri malakata afuufanis ni afuufan. Wanni kun hundi hamma aarsaan gubamu dhiʼeeffamee xumuramutti itti fufe.
2CH 29:29 Yommuu aarsaa dhiʼeessuun xumurametti mootichii fi warri isa wajjin turan hundinuu jilbeenfatanii sagadan.
2CH 29:30 Hisqiyaas Mootichii fi qondaaltonni isaa akka Lewwonni dubbii Daawitii fi dubbii Asaaf ilaaltuu sanaatiin Waaqayyoon galateeffatan ajajan. Kanaafuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfatanii gad jedhanii sagadan.
2CH 29:31 Ergasiis Hisqiyaas, “Isin amma Waaqayyoof of qulqulleessitaniirtu. Kottaatii qalmaa fi aarsaa galataa mana qulqullummaa Waaqayyootti galchaa” jedhe. Kanaafuu waldaan sun qalmaa fi aarsaa galataa dhiʼeesse; warri garaan isaanii jaallate hundis aarsaa gubamu dhiʼeessan.
2CH 29:32 Aarsaan gubamu kan waldaan sun dhiʼeesses korommii loonii torbaatama, korbeeyyii hoolaa dhibba tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa dhibba lama ture; kunneen hundi aarsaa gubamu taʼanii Waaqayyoof dhiʼeeffaman.
2CH 29:33 Horiin qulqulleeffamee qalmaaf dhiʼeeffame walumaa galatti korommii loonii dhibba jaʼaa fi hoolaa fi reʼee kuma sadii ture.
2CH 29:34 Haa taʼu malee horii aarsaaf dhiʼeeffaman irraa gogaa baasuuf lakkoobsi lubootaa gaʼaa hin turre; kanaafuu firoonni isaanii Lewwonni hamma hojiin sun dhumuttii fi hamma luboonni biraa qulqulleeffamanitti isaan gargaaran; Lewwonni ofii isaanii qulqulleessuutti luboota caalaa gara toloota turaniitii.
2CH 29:35 Cooma aarsaa nagaa fi dhibaayyuu aarsaa gubamu wajjin dhiʼeeffamu dabalatee aarsaan gubamu akka malee hedduutu ture. Akkasiin tajaajilli mana qulqullummaa Waaqayyoo akka duriitti deebiʼe.
2CH 29:36 Hisqiyaasii fi namoonni hundi sababii waan Waaqni saba isaaf godheef ni gammadan; wanni kun dafee taʼeetii.
2CH 30:1 Hisqiyaas akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem, gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhufaniif Israaʼelii fi Yihuudaa hundatti ergaa erge; Efreemii fi Minaaseetti immoo xalayaa barreesse.
2CH 30:2 Mootichii fi qondaaltonni isaa akkasumas waldaan Yerusaalem keessa jiru hundi jiʼa lammaffaatti Faasiikaa ayyaaneffachuuf murteessan.
2CH 30:3 Isaan sababii luboonni of qulqulleessan lakkoobsaan gaʼoo hin taʼinii fi sababii namoonni Yerusaalemitti walitti hin qabaminiif yeroo barbaachisaa taʼetti Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye.
2CH 30:4 Karoorri sunis mootichaa fi waldaa sana guutuu ni gammachiise.
2CH 30:5 Isaanis akka namoonni Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem dhufaniif Bersheebaa hamma Daanitti Israaʼel hunda keessa labsii labsuuf murteessan. Ayyaanni Faasiikaa akka barreeffametti iddoo namoonni hedduun jiranitti ayyaaneffamee hin beekuutii.
2CH 30:6 Ergamoonnis ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaa fi qondaaltota isaa biraa ergame fuudhanii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa keessa qajeelan; xalayaan sunis akkana jedha: “Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara Waaqayyo Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼelitti deebiʼaa.
2CH 30:7 Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa.
2CH 30:8 Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; Waaqayyootti harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa keessan tajaajilaa.
2CH 30:9 Sababii Waaqayyo Waaqni keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara Waaqayyootti deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu.”
2CH 30:10 Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis.
2CH 30:11 Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan.
2CH 30:12 Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii Waaqayyootti ajajanii turan sana hojjetaniif harki Waaqaa yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture.
2CH 30:13 Tuunni akka malee guddaan tokko jiʼa lammaffaatti Ayyaana Maxinoo ayyaanessuuf Yerusaalem keessatti walitti qabame.
2CH 30:14 Isaanis iddoowwan aarsaa kanneen Yerusaalem keessa turan bubuqqisanii, iddoowwan aarsaa ixaanaas diiganii geessanii Sulula Qeedroonitti ni gatan.
2CH 30:15 Guyyaa kudha afuraffaa jiʼa lammaffaattis hoolaa Faasiikaa qalan. Luboonnii fi Lewwonnis qaanaʼanii of qulqulleessuudhaan aarsaa gubamu gara mana qulqullummaa Waaqayyoo fidan.
2CH 30:16 Ergasiis akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti ajajametti iddoo isaaniif ramadame ni qabatan. Luboonnis dhiiga Lewwonni isaanitti kennan sana ni faffacaasan.
2CH 30:17 Sababii waldaa sana keessaa namoonni hedduun of hin qulqulleessiniif Lewwonni namoota akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi namoota hoolota isaanii Waaqayyoof qulqulleessuu hin dandaʼin hundaaf jedhanii hoolota Faasiikaa ni qalu turan.
2CH 30:18 Namoota biyya Efreem, Minaasee, Yisaakorii fi Zebuuloonii dhufan hedduu keessaa garri caalu of qulqulleessuu baatan iyyuu isaan waan barreeffameen alatti Faasiikaa nyaatan; Hisqiyaas garuu akkana jedhee Waaqa kadhateef; “Yaa Waaqayyoo tolaa,
2CH 30:19 nama garaa isaatiin siʼi Waaqayyo Waaqa abbootii isaa barbaaduuf kutate hunda yoo inni akka seera iddoo qulqulluutti qulqullaaʼaa taʼuu baate illee ati araaramiif.”
2CH 30:20 Waaqayyos kadhannaa Hisqiyaas dhagaʼee saba sana ni fayyise.
2CH 30:21 Israaʼeloonni Yerusaalem keessatti argamanii turan gammachuu guddaadhaan bultii torba Ayyaana Maxinoo ayyaaneffatan; Lewwonnii fi luboonni immoo meeshaalee faarfannaa Waaqayyootiin guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachaa turan.
2CH 30:22 Hisqiyaasis Lewwota waaʼee tajaajila Waaqayyoo irratti hubannaa gaarii qaban jajjabeessuudhaan itti dubbate. Isaanis bultii torbanuu waan isaaniif qoodame nyaachaa, aarsaa nagaas dhiʼeessaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitiif galata galchan.
2CH 30:23 Waldaan sun guutuun bultii torba itti dabalee ayyaana sana ayyaaneffachuuf walii gale; kanaafuu isaan bultii torba itti dabalanii gammachuudhaan ayyaaneffatan.
2CH 30:24 Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan.
2CH 30:25 Waldaan Yihuudaa hundi, luboota, Lewwotaa fi namoota Israaʼel keessaa walitti qabaman hunda, akkasumas alagoota Israaʼel keessaa dhufanii fi kanneen Yihuudaa keessa jiraatan hunda wajjin ni gammadan.
2CH 30:26 Bara Solomoon ilma Daawit mooticha Israaʼel jalqabee waan wanni akkasii Yerusaalem keessatti takkumaa hin taʼiniif Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu taʼe.
2CH 30:27 Ergasiis luboonnii fi Lewwonni kaʼanii saba eebbisan; Waaqnis isaan dhagaʼe; kadhannaan isaanii gara samii, iddoo inni jiraatu qulqulluu sana gaʼeeraatii.
2CH 31:1 Yommuu wanni kun hundi xumurametti Israaʼeloonni achi turan gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqanii dhagaawwan waaqeffannaa caccabsan; siidaawwan Aasheeraa ni kukkutan. Iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa kanneen Yihuudaa, Beniyaam, Efreemii fi Minaasee keessa turan hunda ni balleessan. Israaʼeloonnis erga waan kana hunda balleessanii booddee gara magaalaawwanii fi qabeenya isaaniitti deebiʼan.
2CH 31:2 Hisqiyaasis tokkoo tokkoo isaanii akka isaan akkuma hojii lubummaa isaaniitti yookaan akkuma hojii Lewwummaa isaaniitti aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessaniif, akka isaan karra iddoo Waaqayyo jiraatuu duratti tajaajilaniif, akka isaan galata galchanii fi akka isaan faarfannaa galataa faarfataniif lubootaa fi Lewwota garee gareedhaan ramade.
2CH 31:3 Mootichis akkuma Seera Waaqayyoo keessatti barreeffame sanatti, aarsaa gubamu kan ganamaa fi galgalaa akkasumas aarsaa gubamu kan Sanbatootaa, Ayyaana Baatiiwwan Haaraa fi guyyaa ayyaana murteeffameetiif qabeenya ofii isaa irraa ni kenne.
2CH 31:4 Innis akka luboonnii fi Lewwonni Seera Waaqayyootiif of kennuu dandaʼaniif namoota Yerusaalem keessa jiraatan akka isaan qooda jaraaf malu kennaniif ni ajaje.
2CH 31:5 Akkuma ajajni sun baʼeenis Israaʼeloonni mataa midhaan isaanii kan jalqabaa irraa, daadhii wayinii haaraa irraa, zayitii fi damma irraa akkasumas waan lafa qotiisaa irraa argamu hunda irraa arjummaadhaan kennan. Waan hunda irraa harka kudhan keessaa harka tokko guddisanii ni fidan.
2CH 31:6 Namoonni Israaʼelii fi Yihuudaa warri magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatanis loonii fi bushaayee isaanii irraa harka kudhan keessaa harka tokko, akkasumas waan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif qulqulleeffame irraa harka kudhan keessaa harka tokko ni fidan; ni tuulanis.
2CH 31:7 Isaanis hojii kana jiʼa sadaffaatti jalqabanii jiʼa torbaffaatti fixan.
2CH 31:8 Hisqiyaasii fi qondaaltonni isaa yommuu dhufanii tuullaawwan sana arganitti Waaqayyoon ni galateeffatan; saba isaa Israaʼelinis ni eebbisan.
2CH 31:9 Hisqiyaasis waaʼee tuullaa sanaa lubootaa fi Lewwota gaafate;
2CH 31:10 maatii Zaadoq keessaa Azaariyaa lubichi hangafni akkana jedhee deebise; “Erga namoonni kennaa isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidduu jalqabanii as nu nyaata gaʼaa fi irraa hafaa arganneerra; sababii Waaqayyo saba isaa eebbiseef hambaan akka malee guddaan kun hafeera.”
2CH 31:11 Hisqiyaasis akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti mankuusaalee qopheessan ajaje; isaanis ni qopheessan.
2CH 31:12 Isaanis ergasii buusii, kennaa harka kudhan keessaa harka tokkoo fi kennaawwan qulqulleeffaman amanamummaadhaan fidan. Wantoota kanneen irrattis Konaneyaan Lewwichi itti gaafatamaa ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo sadarkaadhaan itti aanaa isaa ture.
2CH 31:13 Yehiiʼeel, Azaziyaa, Nahaati, Asaaheel, Yeriimooti, Yoozaabaad, Eliiʼeel, Yismakiyaa, Mahatii fi Benaayaa, Konaneyaa fi obboleessa isaa Shimeʼii jalatti toʼattoota taʼanii Hisqiyaas mootichaa fi Azaariyaa itti gaafatamaa mana qulqullummaa Waaqaatiin muudaman.
2CH 31:14 Qooraahi ilmi Yimnaa Lewwichi, eegduun Karra Baʼaa sun kennaa fedhiidhaan Waaqaaf kenname irratti, akkasumas buusii Waaqayyoof godhamee fi kennaawwan qulqulleeffaman qooduu irratti itti gaafatamummaa qaba ture.
2CH 31:15 Eeden, Miiniyaamiin, Yeeshuuʼaan, Shemaaʼiyaan, Amariyaa fi Shekaaniyaan magaalaawwan lubootaa keessatti luboota michoota isaaniitiif guddaa fi xinnaa akkuma tokkotti garee garee isaaniitti isaaniif qooduudhaan amanamummaadhaan isa gargaaran.
2CH 31:16 Kana malees dhiirota umuriin isaanii waggaa sadii fi sanaa ol taʼe kanneen maqaan isaanii galmee hidda dhalootaa keessa jiru warra akkuma itti gaafatamummaa isaanii fi ramaddii isaaniitti qooda hojii isaanii kan guyyaa guyyaa hojjetamu hojjechuuf mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuu dandaʼan hundaaf akkasuma ni qoodan.
2CH 31:17 Luboota maatii isaaniitiin galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffamanii fi Lewwota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼeefis akkuma itti gaafatamummaa fi qooda hojii isaaniitti ni ramadaniif.
2CH 31:18 Luboonni kunneen ijoollee isaanii xixinnoo, niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii kanneen waldaa guutuu keessa jiran hunda wajjin ni galmeeffaman; isaan of qulqulleessuudhaan amanamoo turaniitii.
2CH 31:19 Luboota sanyiiwwan Aroon kanneen lafa qotiisaa naannoo magaalaawwan isaanii yookaan magaalaawwan biraa keessa jiraataniif, dhiirota garee isaanii kanneen galmee hidda dhaloota Lewwotaa keessatti galmeeffaman hundaaf akka qoodaniif namoonni filatamanii turan.
2CH 31:20 Hisqiyaas waan kana guutummaa Yihuudaa keessatti ni hojjete; innis waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii, qajeelaa fi amanamaa taʼe ni hojjete.
2CH 31:21 Innis mana qulqullummaa Waaqaa keessa hojjechuunis taʼu, seeraa fi ajajawwaniif ajajamuudhaan waan hojjete hunda keessatti Waaqa isaa barbaaduudhaaf garaa isaa guutuudhaan ni hojjete; kanaafuu inni ni milkaaʼe.
2CH 32:1 Erga Hisqiyaas waan kana hunda amanamummaadhaan hojjetee booddee Senaaheriib mootichi Asoor dhufee Yihuudaa weerare. Moʼatee isaan qabachuudhaafis magaalaawwan dallaa dhagaa qaban marse.
2CH 32:2 Hisqiyaasis yommuu akka Senaaheriib dhufee Yerusaalemin loluu barbaade argetti,
2CH 32:3 burqaa bishaanii kan magaalaan ala jiru cufuuf qondaaltota isaa fi loltoota isaa wajjin mariʼate; isaanis isa gargaaran.
2CH 32:4 Namoonni akka malee hedduun walitti qabamanii, “Mootonni Asoor maaliif dhufanii bishaan baayʼee argatan?” jedhanii burqaawwanii fi lageen biyya sana keessa yaaʼan hunda ni cufan.
2CH 32:5 Ergasii mootichi jabaatee hojjechuudhaan dallaawwan dhagaa kanneen jijjigan hunda dhaabuudhaan gamoowwan eegumsaa achi irratti ijaare. Isaan alatti immoo dallaawwan biraa ijaaree daangaa Magaalaa Daawit cimse. Akkasumas miʼoota lolaa fi gaachanawwan baayʼee hojjete.
2CH 32:6 Innis ajajjoota loltootaa uummata irratti muudee oobdii karra magaalaa irratti fuula isaa duratti walitti qabee akkana jedhee isaan jajjabeesse;
2CH 32:7 “Jabaadhaa; cimaa. Isin sababii mooticha Asoorii fi sababii loltoota akka malee baayʼee kanneen isa wajjin jiran sanaatiif jettanii hin sodaatinaa; humni nu wajjin jiru kan isa wajjin jiru caalaatii.
2CH 32:8 Kan isa wajjin jiru humna foonii qofaa dha; kan nu wajjin jiru garuu Waaqayyo Waaqa keenya isa nu gargaaruu fi isa lola keenya nuuf loluu dha.” Uummanni dubbii Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin jajjabaate.
2CH 32:9 Kana booddees Senaaheriib mootichi Asoor utuma loltoota isaa hunda wajjin Laakkiish marsee jiruu, harka ajajjoota loltoota isaatti akkana jedhee gara Yerusaalemitti Hisqiyaasii fi namoota Yihuudaa kanneen achi jiran hundatti ergaa kana erge:
2CH 32:10 “Senaaheriib mootichi Asoor akkana jedha: Yerusaalem ishee marfamte kana keessa turuun keessan of amanachuu kee maal irratti hundeeffatte?
2CH 32:11 Hisqiyaas, ‘Waaqayyo Waaqni keenya harka mootii Asoor jalaa nu baasa’ jechuun isaa akka isin beelaa fi dheebuudhaan dhumtaniif mitii?
2CH 32:12 Namni Yihuudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin iddoo aarsaa tokko duratti sagaduu fi isuma irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuu qabdu’ jedhee iddoowwan sagadaa fi iddoowwan aarsaa Waaqa kanaa balleesse Hisqiyaasuma mataa isaa mitii?
2CH 32:13 “Isin waan anii fi abbootiin koo saboota biyyoota biraa hunda goone hin beektanii? Waaqonni saboota sanaa biyya isaanii harka koo jalaa takkumaa baasuu dandaʼaniiruu?
2CH 32:14 Waaqota abbootiin koo balleessan kanneen hunda keessaa isa kamtu saba isaa harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqni keessan akkamitti harka koo keessaa isin baasuu dandaʼa ree?
2CH 32:15 Ammas Hisqiyaas akkasitti isin gowwoomsee karaa irraa isin hin jalʼisin. Waaqni saba yookaan mootummaa kamii iyyuu saba isaa harka koo yookaan harka abbootii koo jalaa baasuu hin dandeenyeetii isa hin amaninaa. Waaqni keessan immoo harka kootii isin baasuuf hammam haa yaratu ree!”
2CH 32:16 Qondaaltonni Senaaheriibis waan kana caalaa hedduu Waaqayyo Waaqaa fi Hisqiyaas garbicha isaa irratti ni dubbatan.
2CH 32:17 Mootichis akkasuma Waaqayyo Waaqa Israaʼel arrabsuudhaan, waan hamaa illee isatti dubbachuudhaan, “Akkuma waaqonni biyyoota biraa saba isaanii harka koo jalaa baasuu hin dandaʼin sana Waaqni Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa oolchuu hin dandaʼu” jedhee xalayaa barreesse.
2CH 32:18 Kana irratti isaan naasisuu fi sodaachisuudhaan magaalaa sana qabachuudhaaf saba Yerusaalem kan dallaa dhagaa irra tureetti afaan Ibraayisxiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii iyyan.
2CH 32:19 Isaan akkuma waaʼee waaqota saboota addunyaa biraa kanneen harka namaatiin hojjetaman sanaa dubbatan sana waaʼee Waaqa Yerusaalem dubbatan.
2CH 32:20 Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas raajichi ilmi Amoos waaʼee waan kanaatiif kadhannaadhaan gara samiitti ol iyyan.
2CH 32:21 Waaqayyos ergamaa isaa tokko itti erge; ergamaan sunis qubata loltoota mooticha Asoor keessatti loltoota, hooggantootaa fi ajajjoota loltootaa ni balleesse. Kanaafuu mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Yeroo inni galma Waaqa isaa seenettis ilmaan isaa achumatti goraadeedhaan isa cicciran.
2CH 32:22 Waaqayyo akkasiin Hisqiyaasii fi namoota Yerusaalem harka Senaaheriib mooticha Asoorii fi harka diinota isaa hundaa jalaa ni baase. Inni karaa hundaan isaan eege.
2CH 32:23 Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti Waaqayyoof aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate.
2CH 32:24 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼe. Innis Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos deebii kennee fi mallattoo dinqisiisaa isa argisiise.
2CH 32:25 Hisqiyaas garuu garaa isaatti of tuule malee waan gaarii isaaf godhameef deebii malu hin kennine; kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo isatti, Yihuudaa fi Yerusaalemitti dhufe.
2CH 32:26 Kana irratti Hisqiyaas akkuma namoota Yerusaalem sanaa of tuulummaa garaa isaa irraa ni deebiʼe; kanaafuu bara Hisqiyaas keessa dheekkamsi Waaqayyoo isaanitti hin dhufne.
2CH 32:27 Hisqiyaas qabeenya akka malee baayʼee fi ulfina guddaa qaba ture; innis meetii isaaf, warqee isaaf, dhagaawwan isaa gati jabeeyyiif, urgooftuuwwan isaaf, gaachanawwan isaa fi miʼoota garaa garaa kanneen gatii guddaa qaban hundaaf mankuusa ni ijaare.
2CH 32:28 Akkasumas midhaaniif gombisaa ijaare; daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaaf qodaa itti kuusan qopheesse; loon gosa hundaaf dallaa, bushaayeef immoo gola ni ijaare.
2CH 32:29 Innis sababii Waaqni badhaadhummaa guddaa isaaf kenneef bushaayee baayʼee, karra loonii hedduus horatee magaalaawwanis ni ijaarrate.
2CH 32:30 Namni afaan burqaa Giihoon kan olii cufee bishaan isaa gara lixa Magaalaa Daawititti jalʼise Hisqiyaasuma kana. Hojiin isaa hundis ni milkaaʼeef.
2CH 32:31 Garuu yeroo bulchitoonni Baabilon waaʼee hojii dinqii kan biyya sanatti hojjetamee isa gaafachuuf ergamoota erganitti Waaqni isa qoruu fi waan garaa isaa keessa jiru ilaaluudhaaf isa dhiise.
2CH 32:32 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa fi gaarummaan isaa mulʼata Isaayyaas raajicha ilma Amoos, kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
2CH 32:33 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqotee lafa awwaala sanyiiwwan Daawititti gaara irratti awwaalame. Yeroo inni duʼettis Yihuudaa fi sabni Yerusaalem hundinuu isa kabajan. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 33:1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche.
2CH 33:2 Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
2CH 33:3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
2CH 33:4 Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
2CH 33:5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
2CH 33:6 Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
2CH 33:7 Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
2CH 33:8 Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Museetiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu.”
2CH 33:9 Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
2CH 33:10 Waaqayyos Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene.
2CH 33:11 Kanaafuu Waaqayyo ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan.
2CH 33:12 Innis lubbamee Waaqayyo Waaqa isaa barbaadee fuula Waaqa abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe.
2CH 33:13 Waaqayyos yeroo inni isa kadhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka Waaqayyo Waaqa taʼe ni beeke.
2CH 33:14 Ergasii dallaa Magaalaa Daawit isa alaa, karaa lixa burqaa Giihoon kan sulula keessaa gaara Oofeelitti naannessee hamma Karra Qurxummiitti ni haaromse; dallaa kanas akka malee ol dheeresse. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda keessas ajajjoota waraanaa ni qubachiise.
2CH 33:15 Innis waaqota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate.
2CH 33:16 Iddoo aarsaa Waaqayyoo deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje.
2CH 33:17 Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun Waaqayyo Waaqa isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture.
2CH 33:18 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, kadhannaan inni Waaqa isaa kadhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
2CH 33:19 Kadhannaan isaa fi akki Waaqni itti garaa laafeefii kadhannaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru.
2CH 33:20 Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 33:21 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche.
2CH 33:22 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse.
2CH 33:23 Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula Waaqayyoo duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.
2CH 33:24 Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan.
2CH 33:25 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
2CH 34:1 Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche.
2CH 34:2 Inni fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme.
2CH 34:3 Inni mootii taʼee waggaa saddeettaffaatti utuma umurii dargaggummaa keessa jiruu Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaduu jalqabe. Waggaa kudha lammaffaatti immoo Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan baqfamanii tolfaman ni balleesse.
2CH 34:4 Qajeelfama isaatiinis iddoowwan aarsaa Baʼaal diigaman; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen achi irra turan caccabsee siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan hurreesse. Wantoota kanneenis daakee bulleessee awwaala warra isaaniif aarsaa dhiʼeessaa turanii irratti bittinneesse.
2CH 34:5 Lafee lubootaas iddoowwan aarsaa isaanii irratti guggube. Haala kanaanis Yihuudaa fi Yerusaalemin qulqulleesse.
2CH 34:6 Magaalaawwan Minaasee, kan Efreemii fi Simiʼoon kanneen hamma Niftaalemitti jiranii fi akkasumas diigamaa naannoowwan isaanii keessatti
2CH 34:7 iddoowwan aarsaa fi siidaawwan Aasheeraa ni jijjigse; waaqota tolfamoo daaraa godhe; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen guutummaa Israaʼel keessa jiran hundas ni caccabse. Ergasiis Yerusaalemitti deebiʼe.
2CH 34:8 Yosiyaas mootii taʼee waggaa kudha saddeettaffaatti erga biyyattii fi mana qulqullummaa qulqulleessee booddee mana Waaqayyo Waaqa isaa haaromsuuf Shaafaan ilma Azaliyaa, Maʼaseyaa bulchaa magaalaa fi Yooʼaa ilma Yooʼaahaaz galmeessaa sana erge.
2CH 34:9 Isaanis gara Hilqiyaa lubicha ol aanaa dhaqanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqaatiif fidame sana itti kennan; maallaqa kanas Lewwota balbala eegantu saboota Minaasee irraa, kan Efreem irraa, hambaawwan Israaʼel hunda irraa, saba Yihuudaa fi kan Beniyaam hunda irraa akkasumas jiraattota Yerusaalem irraa walitti qabe.
2CH 34:10 Isaanis maallaqa sana namoota akka hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo toʼataniif muudamanitti imaanaa kennan. Namoonni kunneenis hojjettoota mana qulqullummaa haaromsanii akka duriitti deebisaniif ni kaffalu.
2CH 34:11 Akkasumas akka isaan ijaarsa mootonni Yihuudaa akka diigamu godhan sanaaf dhagaa soofame, laaxaawwan, mukkeen sutaa fi dareeraawwan bitaniif ogeeyyii mukaa fi ijaartotatti maallaqa kennan.
2CH 34:12 Namoonni sunis amanamummaadhaan hojicha hojjetan. Lewwota sanyii Meraarii keessaa Yahaatii fi Obaadiyaan akkasumas sanyii Qohaati keessaa Zakkaariyaasii fi Meshulaam akka jara sana hojjechiisaniif isaan irratti muudaman. Lewwonni meeshaa faarfannaa taphachuu beekan hundis
2CH 34:13 itti gaafatamtoota hojjettoota hojii humnaa taʼanii hojjettoota hojii garaa garaa illee toʼachaa turan. Lewwonni tokko tokkos barreessitoota, qondaaltotaa fi eegdota balbalaa turan.
2CH 34:14 Utuma isaan maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana baasaa jiranuu Hilqiyaa lubichi Kitaaba Seera Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sana arge.
2CH 34:15 Hilqiyaanis Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe; kitaabichas Shaafaanitti kenne.
2CH 34:16 Shaafaanis kitaabicha fuudhee mootichatti geessee akkana jedhe; “Qondaaltonni kee waan ajajaman hunda hojjechaa jiru.
2CH 34:17 Maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tures baasanii namoota hojii toʼatanii fi hojjettootatti imaanaa kennaniiru.”
2CH 34:18 Kana irrattis Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise.
2CH 34:19 Mootichis yommuu dubbii Seeraa sana dhagaʼetti uffata isaa tarsaase.
2CH 34:20 Innis ajaja kana Hilqiyaatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Abdoon ilma Miikaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne:
2CH 34:21 “Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, hambaawwan Israaʼel keessaatii fi Yihuudaatiif Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii Waaqayyoo hin eeginiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti dhangalaʼeera; isaan akka waan kitaaba kana keessatti barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
2CH 34:22 Hilqiyaa fi warri mootichi isa wajjin erge sun gara Huldaanaa raajittii jechuunis niitii Shaluum ilma Toqeʼaati, ilma Hasraat kan eegduu mana uffataa turte sanatti himuu dhaqan. Isheenis Yerusaalem keessa aanaa lammaffaa keessa jiraatti turte.
2CH 34:23 Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa;
2CH 34:24 ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa jechuunis abaarsa kitaaba fuula mootii Yihuudaa duratti dubbifame sana keessatti barreeffame hunda nan fida.
2CH 34:25 Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’
2CH 34:26 Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa akkana jedha:
2CH 34:27 Sababii ati yeroo waan inni waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa waan hamaa dubbate dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqaa duratti gad of qabdeef, sababii ati fuula koo duratti gad of qabdee, uffata kee tarsaaftee boosseef ani si dhagaʼeera, jedha Waaqayyo.
2CH 34:28 Ani amma abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’ ” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.
2CH 34:29 Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame.
2CH 34:30 Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi Lewwota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef.
2CH 34:31 Mootichis utubaa isaa bira dhaabatee akka Waaqayyoon duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee, dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffamaniifis akka ajajamu fuula Waaqayyoo duratti kakuu ni haaromse.
2CH 34:32 Ergasiis akka namni Yerusaalemii fi Beniyaam keessa jiraatu hundi kakuu galu ni godhe; namoonni Yerusaalemis akkuma kakuu Waaqaa jechuunis Waaqa abbootii isaaniitti waan kana ni godhan.
2CH 34:33 Yosiyaasis guutummaa biyya Israaʼel keessaa waaqota jibbisiisoo ni balleesse; akka warri Israaʼel keessa jiran hundinuus Waaqayyo Waaqa isaanii waaqeffatan ni godhe. Isaan hamma inni lubbuun jiraatetti Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii duukaa buʼuu irraa duubatti hin deebine.
2CH 35:1 Yosiyaas Yerusaalemitti Waaqayyoof Faasiikaa ayyaanesse; hoolaan Faasiikaas guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti qalame.
2CH 35:2 Innis luboota hojii isaanii irratti muudee akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilan isaan jajjabeesse.
2CH 35:3 Lewwota Israaʼeloota hunda barsiisanii fi Waaqayyoof qulqullaaʼaniinis akkana jedhe; “Taabota qulqullaaʼaa sana mana qulqullummaa kan Solomoon ilmi Daawit mooticha Israaʼel ijaare keessa kaaʼaa. Taabonni kun gatiittii keessanitti hin baatamin. Isin amma Waaqayyo Waaqa keessanii fi saba isaa Israaʼelin tajaajilaa.
2CH 35:4 Akkuma qajeelfama Daawit mooticha Israaʼelii fi ilma isaa Solomooniin barreeffame sanaatti isin akkuma maatiiwwan keessaniitti garee gareedhaan of qopheessaa.
2CH 35:5 “Kutaa maatiiwwan obboloota keessanii kanneen Lewwota hin taʼiniitiif gareen Lewwotaa tokko kutaa maatii tokkoo iddoo buʼaatii iddoo qulqulluu dhaabadhaa.
2CH 35:6 Hoolaa Faasiikaa qalaa; of qulqulleessaatii obboloota keessaniifis xobbaallaawwan hoolaa qopheessaa; waan kanas akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti godhaa.”
2CH 35:7 Yosiyaasis hoolotaa fi reʼoota kuma soddomaa fi loon kuma sadii akka aarsaa Faasiikaa taʼaniif namoota achi turan hundaaf qabeenyuma isaa irraa ni kenne.
2CH 35:8 Qondaaltonni isaas uummataaf, lubootaa fi Lewwotaaf fedhiidhaan buusii kennan. Hilqiyaa, Zakkaariyaasii fi Yehiiʼeel bulchitoonni mana qulqullummaa Waaqaa aarsaa Faasiikaatiif hoolotaa fi reʼoota kuma lamaa dhibba jaʼaa fi loon dhibba sadii lubootatti kennan.
2CH 35:9 Konaneyaanis obboloota isaa Shemaaʼiyaa fi Naatnaaʼel wajjin, akkasumas Hashabiyaan, Yeʼiiʼeelii fi Yoozaabaad dura buutonni Lewwotaa sun hoolotaa fi reʼoota kuma shanii fi loon dhibba shan akka isaan aarsaa Faasiikaa taʼaniif Lewwotatti ni kennan.
2CH 35:10 Wanni hundinuu qopheeffamnaan akkuma mootichi ajaje sanatti luboonni iddoo isaanii ijaajjan; Lewwonnis toora isaaniitiin ijaajjan.
2CH 35:11 Hoolonni Faasiikaa ni qalaman; luboonnis dhiiga itti kenname ni faffacaasan; Lewwonni immoo hoolota irraa gogaa ni baasan.
2CH 35:12 Isaanis akka jarri akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffame sanatti Waaqayyoof dhiʼeessaniif kutaa maatiiwwan sabaatiif kennuudhaaf aarsaa gubamu kophaatti baasan. Loon illee akkasuma godhan.
2CH 35:13 Akkuma ajajame sanattis hoolaa Faasiikaa ibiddaan waadan; aarsaa qulqulleeffame immoo okkoteetti, hubboo fi xuwweetti affeelanii yoosuma namoota hundaaf qoqqoodan.
2CH 35:14 Isaanis ergasii sababii luboonni sanyiin Aroon hamma halkan walakkaatti aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa dhiʼeessaa turaniif ofii isaaniitii fi lubootaaf qophii godhan. Akkasiin Lewwonni ofii isaaniitii fi luboota sanyii Aroon taʼaniif qopheessan.
2CH 35:15 Ilmaan Asaaf faarfattoonni akkuma Daawit, Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun waa himaan mootichaa ajajan sana iddoodhuma isaaniif ramadame turan. Eegdonni karraa kanneen tokkoo tokkoo karraa irra turan immoo waan obboloota isaanii Lewwonni qophii isaaniif godhaniif iddoo isaaniitii deemuun hin barbaachifne.
2CH 35:16 Kanaafuu tajaajilli Waaqayyoo hundinuu akkuma Yosiyaas Mootichi ajajetti ayyaana Faasiikaa ayyaanessuu fi iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuun guyyuma sana fiixaan baʼe.
2CH 35:17 Israaʼeloonni achi turanis yeruma sana Ayyaana Faasiikaa ayyaaneffatanii Ayyaana Maxinoo guyyaa torba ayyaaneffatan.
2CH 35:18 Bara Saamuʼeel raajichaatii as Israaʼel keessatti Faasiikaan takkumaa akkanatti hin ayyaaneffamne; mootota Israaʼel keessaas namni tokko iyyuu takkumaa akka Yosiyaas namicha luboota, Lewwotaa fi namoota Yihuudaa fi Israaʼel kanneen saba Yerusaalem wajjin turan sana hunda wajjin godhe sanaatti Faasiikaa akkasii hin ayyaaneffanne.
2CH 35:19 Faasiikaan kun bara mootummaa Yosiyaas keessaa waggaa kudha saddeettaffaatti ayyaaneffame.
2CH 35:20 Waan kana hunda booddee yeroo Yosiyaas mana qulqullummaa qopheessetti Nekkoon mootichi Gibxi Karkemiishi ishee Efraaxiis biraa sanatti lolaaf ol baʼe; Yosiyaasis of irraa isa deebisuudhaaf itti gad baʼe.
2CH 35:21 Nekkoon garuu, “Yaa mootii Yihuudaa, wanni anaa fi siʼi wal lolchiisu maali? Ani yeroo kanatti mana na lolu sana loluufin dhufe malee si loluuf hin dhufne. Waaqni akka ani ariifadhu na ajajeera; kanaafuu ati Waaqa na wajjin jiru kanaan mormuu dhiisi; yoo kanaa achii inni si balleessaatii” jedhee namoota itti erge.
2CH 35:22 Taʼus Yosiyaas eenyumaa ofii isaa wallaalchifatee lola keessa seene malee isa irraa hin deebine. Inni waan Nekkoon Waaqaan ajajamee isatti hime sana dhagaʼuu didee dirree Megidoo irratti isa waraanuudhaaf baʼe.
2CH 35:23 Warri xiyya darbatan Yosiyaas Mootichatti ni darbatan; innis ajajjoota loltoota isaatiin, “Na fuudhaatii deemaa; ani akka malee madaaʼeeraatii” jedhe.
2CH 35:24 Kanaafuu isaan gaarii isaa keessaa isa fuudhanii gaarii biraa irra kaaʼanii gara Yerusaalemitti isa geessan; innis achitti duʼe. Innis awwaala abbootii isaa keessatti awwaalame; Yihuudaa fi Yerusaalem hundi isaaf ni booʼan.
2CH 35:25 Ermiyaasis faaruu booʼichaa Yosiyaasiif baase; hamma harʼaattis dhiironnii fi dubartoonni faarfattoonni hundi faaruu booʼichaa kanaan Yosiyaasin yaadatu. Kunis Israaʼel keessatti bartee taʼee Faaruu Booʼichaa keessatti barreeffame.
2CH 35:26 Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame biraa fi gaarummaan isaa akkuma waan Seera Waaqayyoo keessatti barreeffame sanaatti,
2CH 35:27 seenaan isaa hundi jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffameera.
2CH 36:1 Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii Yerusaalem keessatti iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan.
2CH 36:2 Yehooʼaahaaz yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche.
2CH 36:3 Mootiin Gibxi immoo Yerusaalem keessatti teessoo isaa irraa isa buuse; Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure.
2CH 36:4 Mootiin Gibxis Eliiyaaqiim obboleessa Yehooʼaahaaz Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe; innis maqaa Eliiyaaqiim geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Nekkoonis Yoʼahaz obboleessa Eliiyaaqiim fuudhee Gibxitti geesse.
2CH 36:5 Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa hojjete.
2CH 36:6 Nebukadnezar mootichi Baabilon isatti duule; gara Baabilonittis isa geessuudhaaf foncaa naasiitiin isa hidhe.
2CH 36:7 Nebukadnezar miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo guuree Baabilonitti geessee mana waaqeffannaa isaa keessa ni kaaʼe.
2CH 36:8 Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni jibbisiisaan inni hojjetee fi balleessaan isa irratti argame hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
2CH 36:9 Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi bultii kudhan bulche. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
2CH 36:10 Birraa keessas Nebukadnezar Mootichi nama itti ergee miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen gatii guddaa qaban wajjin gara Baabilon isa fichisiise; Zedeqiyaa obboleessa abbaa Yehooyaakiin sana immoo Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
2CH 36:11 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche.
2CH 36:12 Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa ni hojjete; fuula Ermiyaas raajicha dubbii Waaqayyoo isatti dubbate sanaa durattis gad of hin qabne.
2CH 36:13 Akkasumas Nebukadnezar Mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiisee turetti illee ni fincile. Inni mataa jabaatee gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼuu ni dide.
2CH 36:14 Kana malees dura buutonni lubootaa hundii fi uummanni wantoota jibbisiisoo saboota kaanii hunda duukaa buʼuu fi mana qulqullummaa Waaqayyoo kan inni Yerusaalem keessatti qulqulleesse sana xureessuudhaan ittuma caalchisanii amanamummaa dhaban.
2CH 36:15 Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii waan saba isaa fi iddoo jireenya isaaf garaa laafeef karaa ergamoota isaatiin ammumaa amma ergaa itti erge.
2CH 36:16 Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne.
2CH 36:17 Kanaafuu inni mootii warra Baabilon isaanitti fide; mootichis mana qulqullummaa keessatti dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixe; dargaggoota yookaan dubara, jaarsolii yookaan warra dullooman tokko illee hin hambifne. Waaqni hunda isaanii dabarsee harka Nebukadnezaritti kenne.
2CH 36:18 Innis mana qulqullummaa Waaqaatii miʼoota hunda xinnaa fi guddaa, qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo, qabeenya mootichaa fi kan qondaaltota isaa saamee Baabilonitti geesse.
2CH 36:19 Isaan mana qulqullummaa Waaqaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan; masaraawwan mootummaa hunda gubanii waan gatii qabu hundas barbadeessan.
2CH 36:20 Inni hambaa goraadee irraa hafe boojiʼee Baabilonitti geesse; isaanis hamma mootummaan Faares aangoo qabatetti tajaajiltoota isaa fi tajaajiltoota ilmaan isaa taʼan.
2CH 36:21 Biyyattiin boqonnaa sanbata ishee ni argatte; akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame raawwatamuuf hamma waggaan torbaatamni dhumutti biyyattiin yeroo ontee turte guutuu ni boqotte.
2CH 36:22 Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:
2CH 36:23 “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “ ‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis ol haa baʼu.’ ”
EZR 1:1 Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:
EZR 1:2 “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “ ‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera.
EZR 1:3 Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishee Yihuudaa keessaa sanaa ol baʼee mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqa Yerusaalem keessa jiraatu sanaa haa ijaaru.
EZR 1:4 Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’ ”
EZR 1:5 Ergasii hangafoonni maatii Yihuudaa fi Beniyaam, luboonnii fi Lewwonni jechuunis namoonni Waaqni garaa isaanii kakaase hundi dhaqanii mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana ijaaruuf qophaaʼan.
EZR 1:6 Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran.
EZR 1:7 Kana malees Qiiros Mootichi miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar Yerusaalemii guurratee mana Waaqa isaa keessa kaaʼatee ture sana gad ni baase.
EZR 1:8 Qiiros mootichi Faares akka Mitredaat itti gaafatamaan qabeenyaa sun miʼa sana fidee Sheeshbazaar bulchaa Yihuudaatiif lakkaaʼu godhe.
EZR 1:9 Miʼoonni sunis: saanii warqee 30, saanii meetii 1,000, distii meetii 29,
EZR 1:10 waciitii warqee 30, waciitii meetii kan qadaada qabu 410, miʼa gosa biraa 1,000.
EZR 1:11 Walumaa galatti miʼa warqeetii fi kan meetii 5,400 ture. Sheeshbazaaris miʼoota kanneen hunda yeroo boojiʼamtoota Baabilonii baasee Yerusaalemitti geessetti guuree deeme.
EZR 2:1 Egaa isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee Baabilonitti isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan;
EZR 2:2 isaanis: Zarubaabel, Yeeshuuʼaa, Nahimiyaa, Seraayaa, Reʼelaayaa, Mordekaayi, Bilshaan, Misphaar, Baguwaayi, Rehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan.
EZR 2:3 sanyiin Phaarosh 2,172,
EZR 2:4 sanyiin Shefaaxiyaa 372,
EZR 2:5 sanyiin Aaraa 775,
EZR 2:6 sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,812,
EZR 2:7 sanyiin Eelaam 1,254,
EZR 2:8 sanyiin Zaatuu 945,
EZR 2:9 sanyiin Zakaayi 760,
EZR 2:10 sanyiin Baanii 642,
EZR 2:11 sanyiin Beebay 623,
EZR 2:12 sanyiin Azgaad 1,222,
EZR 2:13 sanyiin Adooniiqaam 666,
EZR 2:14 sanyiin Baguwaay 2,056,
EZR 2:15 sanyiin Aadiin 454,
EZR 2:16 sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98,
EZR 2:17 sanyiin Beesaay 323,
EZR 2:18 sanyiin Yooraa 112,
EZR 2:19 sanyiin Haashum 223,
EZR 2:20 sanyiin Gibaar 95,
EZR 2:21 namoonni Beetlihem 123,
EZR 2:22 namoonni Netoofaa 56,
EZR 2:23 namoonni Anaatoot 128,
EZR 2:24 namoonni Azmaawet 42,
EZR 2:25 namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743,
EZR 2:26 namoonni Raamaa fi Gebaa 621,
EZR 2:27 namoonni Mikmaas 122,
EZR 2:28 Namoonni Beetʼeelii fi Aayi 223,
EZR 2:29 namoonni Neboo 52,
EZR 2:30 namoonni Magbiish 156,
EZR 2:31 namoonni Eelaam kaan 1,254,
EZR 2:32 namoonni Haariim 320,
EZR 2:33 namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 725,
EZR 2:34 namoonni Yerikoo 345,
EZR 2:35 namoonni Senaaʼaa 3,630.
EZR 2:36 Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaan dhufan 973,
EZR 2:37 sanyiin Imeer 1,052,
EZR 2:38 sanyiin Phaashihuur 1,247,
EZR 2:39 sanyiin Haariim 1,017.
EZR 2:40 Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa fi Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
EZR 2:41 Faarfattoota: sanyiin Asaaf 128.
EZR 2:42 Eegdota karra mana qulqullummaa: sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 139.
EZR 2:43 Tajaajiltoota mana qulqullummaa: sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa fi sanyii Xabaaʼoot,
EZR 2:44 sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon;
EZR 2:45 sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa fi sanyii Aquub;
EZR 2:46 sanyii Haagaab, sanyii Shalmaayi, sanyii Haanaan;
EZR 2:47 sanyii Gideel, sanyii Gahar, sanyii Reʼaayaa;
EZR 2:48 sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa, sanyii Gazaam;
EZR 2:49 sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa, sanyii Beesaay;
EZR 2:50 sanyii Asinaa, sanyii Meʼuunimii fi sanyii Nefuusiim;
EZR 2:51 sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
EZR 2:52 sanyii Bazluut, sanyii Mihiidaa fi sanyii Harshaa;
EZR 2:53 sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa fi sanyii Teemahi;
EZR 2:54 sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa
EZR 2:55 Sanyii tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereetii fi sanyii Firuudaa;
EZR 2:56 sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoonii fi sanyii Gideel;
EZR 2:57 sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamii;
EZR 2:58 tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392.
EZR 2:59 Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adaanii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:
EZR 2:60 sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 652.
EZR 2:61 Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.
EZR 2:62 Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman.
EZR 2:63 Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko argamutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.
EZR 2:64 Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan;
EZR 2:65 kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 200 qabu ture.
EZR 2:66 Isaan farda 736, gaangolii 245,
EZR 2:67 gaala 435 fi harree 6,720 qabu ture.
EZR 2:68 Yommuu isaan mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessa jiru sana gaʼanitti hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko akka manni Waaqaa iddoo isaatti deebiʼee ijaaramuuf kennaa fedhiidhaan kennamu ni gumaachan.
EZR 2:69 Isaanis akkuma dandeettii isaaniitti warqee daariikii 61,000, meetii minnaanii 5,000 fi uffata lubootaa 100 horii hojii kanaaf walitti qabametti ni dabalan.
EZR 2:70 Luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokko wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan; Israaʼeloonni kaan magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.
EZR 3:1 Yeroo jiʼi torbaffaan dhufee Israaʼeloonni magaalaawwan isaanii keessa qubatanitti uummanni akkuma nama tokkootti Yerusaalem keessatti walitti qabame.
EZR 3:2 Ergasiis Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaq firoota isaa luboota wajjin, Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel firoota isaa wajjin akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti barreeffametti aarsaa gubamu achi irratti dhiʼeessuudhaaf iddoo aarsaa Waaqa Israaʼel ijaaran.
EZR 3:3 Isaanis sababii namoota naannoo isaanii sodaataniif iddoo aarsaa sana hundee isaa irratti ijaaranii achi irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessan; aarsaa kanas ganamaa fi galgala dhiʼeessan.
EZR 3:4 Ergasii akkuma barreeffametti Ayyaana Daasii ni ayyaaneffatan; akkuma baayʼina aarsaa guyyaa guyyaaf ramadameettis aarsaa gubamu ni dhiʼeessan.
EZR 3:5 Kana booddees isaan aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamu, aarsaa Baatii Haaraa fi aarsaawwan ayyaanota Waaqayyoof qulqulleeffaman hundaaf, akkasumas kanneen fedhiidhaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman ni kennan.
EZR 3:6 Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaattis aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessuu jalqaban; garuu hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo amma illee hin buufamne ture.
EZR 3:7 Ergasii isaan warra dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaatiif maallaqa kennan; warra Siidoonaa fi Xiiroosiif immoo akka isaan akkuma Qiiros mootichi Faares ajaje sanatti Libaanoonii gara Yoopheetti galaana irra birbirsa gad erganiif nyaata, dhugaatii fi zayitii kennan.
EZR 3:8 Isaanis erga mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sana gaʼanii booddee jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaatti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaqii fi obboloonni isaanii kaan jechuunis luboonni, Lewwonnii fi warri boojuudhaa Yerusaalemitti deebiʼan hundinuu akka isaan ijaarsa mana Waaqayyoo toʼataniif Lewwota umuriin isaanii Waggaa digdamaa fi hammasii olii muudanii hojii sana jalqaban.
EZR 3:9 Yeeshuuʼaan ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin, Qadmiiʼeelii fi ilmaan isaa, ilmaan Yihuudaa, ilmaan Heenaadaadii fi Lewwota, ilmaan isaanii fi firoota isaanii wajjin warra mana Waaqaa ijaaran toʼachuuf tokko taʼan.
EZR 3:10 Yommuu ijaartonni sun hundee mana qulqullummaa Waaqayyoo buusanitti luboonni uffata isaanii uffatanii malakata qabatan; Lewwonni immoo jechuunis ilmaan Asaaf kilillee qabatanii akkuma Daawit Mootichi Israaʼel ajajetti Waaqayyoon jajachuuf iddoo ofii isaanii qabatan.
EZR 3:11 Isaanis, “Inni gaarii dha; jaalalli inni Israaʼeliif qabu bara baraan jiraata” jedhanii leellisuu fi galateeffachuudhaan Waaqayyoon faarfatan. Sabni hundinuu sababii hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufameef iyyee sagalee guddaadhaan Waaqayyoon galateeffate.
EZR 3:12 Garuu luboonni, Lewwonnii fi hangafoonni maatii warri durii kanneen mana qulqullummaa isa duraa sana argan hedduun yeroo hundeen mana qulqullummaa kanaa buufamu arganitti sagalee ol fudhatanii booʼan; warri kaan hedduun immoo gammachuudhaan iyyan.
EZR 3:13 Sababii namoonni akka malee wacaniif namni tokko iyyuu iyya gammachuu fi iyya booʼichaa gargar baasuu hin dandeenye; sagaleen sunis fagootti dhagaʼama ture.
EZR 4:1 Diinonni Yihuudaa fi Beniyaam yeroo akka warri boojuudhaa deebiʼan sun Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaraa jiran dhagaʼanitti,
EZR 4:2 gara Zarubaabelii fi gara hangafoonni maatiiwwanii dhufanii akkana jedhaniin; “Sababii nus akkuma keessan Waaqa keessan barbaannee bara Eesarhadoon mooticha Asoor kan as nu fide sanaatii jalqabnee aarsaa dhiʼeessafii turreef nus isin wajjin haa ijaarru.”
EZR 4:3 Zarubaabel, Yeeshuuʼaa fi hangafoonni maatii Israaʼel kaan garuu, “Isin mana Waaqa keenyaa nu wajjin ijaaruuf qooda hin qabdan. Numa qofatu akkuma Qiiros Mootichi Faares nu ajaje sanatti Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaara” jedhanii deebisan.
EZR 4:4 Namoonni naannoo isaanii akka isaan itti fufanii ijaaruu sodaataniif namoota Yihuudaa abdii kutachiisuuf kaʼan.
EZR 4:5 Isaanis bara Qiiros mooticha Faaresiitii jalqabee hamma bara Daariyoos mooticha Faaresitti jiru hunda kaayyoo isaanii gufachiisuudhaaf qondaaltota isaaniin morman itti bitan.
EZR 4:6 Isaanis jalqaba bara mootummaa Ahashweroositti saba Yihuudaa fi kan Yerusaalem himatan.
EZR 4:7 Bara Arxeksis mooticha Faares keessa Biishlaam, Mitredaat, Xaabiʼeelii fi michoota isaa biraa xalayaa tokko Arxeksisitti barreessan. Xalayaan sunis qubee Araamaayikii fi afaan Araamaayikiin barreeffame.
EZR 4:8 Rehuum ajajaan qondaaltichii fi Shiimshaayi barreessaan sun Yerusaalemiin mormuudhaan akkana jedhanii xalayaa tokko Arxeksis mootichatti barreessan:
EZR 4:9 Rehuum ajajaan qondaaltichi, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kaan wajjin jechuunis abbootii murtii fi qondaaltota namoota Tiripooliis, Faaresi, Arkii fi Baabilon dhufan, akkasumas warra Elaamota Suusaa dhufan bulchanii fi
EZR 4:10 namoota Osnaapher guddichii fi kabajamaan sun biyyaa baasee magaalaa Samaariyaa keessaa fi Laga Efraaxiis gama qubachiise kaan wajjin barreessan.
EZR 4:11 Kun garagalcha xalayaa jarri isaaf erganii ti. Gara Arxeksis Mootichaa, tajaajiltoota kee warra Laga Efraaxiisiin Gamaa irraa:
EZR 4:12 Mootichi akka Yihuudoonni si biraa gara keenya dhufan sun Yerusaalem dhaqanii magaalaa finciltuu fi hamtuu sana deebisanii ijaaraa jiran beekuu qaba. Isaan dallaa dhagaa deebisanii ijaaruudhaan hundeewwan ishee jajjabeessaa jiru.
EZR 4:13 Kana malee iyyuu mootichi akka yoo magaalaan kun ijaaramtee dallaan ishee jajjabeeffame akka siʼachi qaraxni, gibirri yookaan ashuuraan hin argamnee fi akka galiin mootummaas gad buʼu beekuu qaba.
EZR 4:14 Nu amma waan itti gaafatamummaa masaraa mootummaa qabnuu fi waan akka mootichi ulfina dhabu arguu hin feeneef akka mootichi beekuuf jennee ergaa kana itti ergineerra;
EZR 4:15 kunis akka manneen galmee abbootii keetii sakattaʼamaniif. Atis galmeewwan kana keessatti akka magaalaan kun durumaa jalqabdee magaalaa finciltuu, kan moototaa fi kutaalee biyyaa rakkiftu, iddoo finciltuu taate ni argita. Wanni magaalaan kun barbadeeffamteefis kanuma.
EZR 4:16 Yaa mooticha, yoo magaalaan kun ijaaramee dallaan isaas jajjabeeffame, akka ati Laga Efraaxiis Gamaa waan tokko illee hin qabaanne nu sitti himna.
EZR 4:17 Mootichis akkana jedhee deebii kana erge: Gara Rehuum ajajaa qondaaltichaa, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kanneen Samaariyaa keessaa fi Efraaxiisiin gama jiraatan kaaniitti: Nagaan keenya isin haa gaʼu.
EZR 4:18 Xalayaan isin nuuf ergitan sun dubbifamee fuuluma koo duratti hiikameera.
EZR 4:19 Anis ajaja kennee galmeen qoratameera; magaalaan kunis akka durumaa jalqabee moototatti fincilaa turte, akka isheen holqa finciltootaa fi mormitootaa taates beekameera.
EZR 4:20 Yerusaalem mootota ciccimoo guutummaa Gama Laga Efraaxiis bulchan qabdi turte; qaraxni, gibirrii fi ashuuraan isaaniif kennama ture.
EZR 4:21 Akka magaalaan kun deebifamtee hin ijaaramne hamma ani labsii baasutti akka isaan hojii dhaabaniif isin amma namoota kanneenitti ajaja dabarsaa.
EZR 4:22 Akka waan kana hin tuffanneef of eeggadhaa. Maaliif hamma rakkoon kun guddatee fedhii mootummaatti gufuu taʼutti ittuma dhiiftuu?
EZR 4:23 Akkuma garagalchi xalayaa Arxeksis Mootichaa sun fuula Rehuum, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii duratti dubbifameen isaan yoosuma gara Yihuudoota Yerusaalem keessa jiraatanii dhaqanii humnaan hojii isaan dhaabsisan.
EZR 4:24 Akkasiin hojiin mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sun hamma waggaa lammaffaa bara Daariyoos mooticha Faaresitti ni dhaabatte.
EZR 5:1 Yeroo kanatti Haageen raajichii fi Zakkaariyaas ilmi Iddoo raajichi, maqaa Waaqa Israaʼel kan isaan wajjin jiraatu sanaan Yihuudoota warra Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan.
EZR 5:2 Kana irratti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuun ilmi Yoosaadaaq Yerusaalem keessatti mana Waaqaa deebisanii ijaaruu jalqaban. Raajonni Waaqaas isaan gargaaruuf isaanuma wajjin turan.
EZR 5:3 Yeroo sanatti Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi deeggartoonni isaanii gara isaanii dhaqanii, “Akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin dallaa dhagaa kanas akka duriitti deebiftan eenyutu isiniif eeyyame?” jedhanii gaafatan.
EZR 5:4 Akkasumas, “Maqaan warra mana kana ijaaruu eenyu faʼi?” jedhanii gaafatan.
EZR 5:5 Garuu iji Waaqa isaanii maanguddoota Yihuudaa irra turte; isaanis hamma gabaasni sun Daariyoos bira gaʼee deebiin isaa barreeffamaan dhufutti hojii hin dhaabne.
EZR 5:6 Kunis garagalchaa xalayaa Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayi, deeggartoonni isaanii fi qondaaltonni Gama Laga Efraaxiis jiraatan Daariyoos Mootichatti erganii ti.
EZR 5:7 Gabaasni isaan erganiif sunis akkana jedha: Gara Daariyoos Mootichaa: Nagaa ulfinaan guutame siif ergina.
EZR 5:8 Mootichi akka nu gara aanaa Yihuudaa gara mana qulqullummaa Waaqa guddichaa dhaqnee turre haa beeku. Namoonni dhagaa gurguddaadhaan mana sana ijaaraa, laaxaas keenyan manaa keessa kaaʼaa jiru. Hojiin kunis ciminaan hojjetamaa harka isaanii jalatti guddina argisiisaa jira.
EZR 5:9 Nu maanguddoota sana dubbifnee, “Eenyutu akka isin mana qulqullummaa kana deebiftanii ijaartanii fi akka isin ijaarsa isaa akka duriitti deebiftan isiniif eeyyame?” jennee isaan gaafanne.
EZR 5:10 Akkasumas akka maqaa hooggantoota isaanii barreessinee si beeksifnuuf maqaa isaanii illee gaafannee ture.
EZR 5:11 Isaanis deebii kana nuu kennan: “Nu garboota Waaqa samii fi lafaa ti; nu mana qulqullummaa kan bara dheeraan dura ijaarame, kan mootiin Israaʼel guddichi ijaaree fixe sana deebifnee ijaaraa jirra.
EZR 5:12 Garuu sababii abbootiin keenya Waaqa samii aarsaniif inni dabarsee harka Nebukadnezar namicha biyya Kaldootaa, mootii Baabilonitti isaan kenne; innis mana qulqullummaa kana barbadeessee uummatas biyyaa baasee Baabilonitti geesse.
EZR 5:13 “Taʼu illee waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros mooticha Baabilon keessa Qiiros Mootichi akka manni Waaqaa kun deebifame ijaaramuuf labsii tokko labse.
EZR 5:14 Innis miʼa warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa guuree Baabilonitti geesse sana masaraa mootummaa Baabilon keessaa ni baase. Qiiros Mootichi namicha Sheeshbasaar jedhamu kan inni bulchaa godhee muude sanatti miʼa kana kennee
EZR 5:15 akkana jedheen; ‘Miʼa kana fuudhii dhaqiitii mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessa jiru sanatti galchi. Mana Waaqaas iddoo isaatti deebisii ijaari.’
EZR 5:16 “Ergasiis Sheeshbasaar kun dhufee hundee mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa buuse. Yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti manni sun ijaaramaa jira; garuu amma illee hin dhumne.”
EZR 5:17 Egaa amma yoo fedhii mootichaa taʼe, Qiiros Mootichi dhugumaan akka manni Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee ijaaramuuf labsii baasuu fi baasuu baachuu isaa beekuuf galmeen masaraa mootummaa Baabilon haa qoratamu. Ergasiis mootichi yaada waan kana irratti qabu nuuf haa ergu.
EZR 6:1 Kana irratti Daariyoos Mootichi ajaja kenne; isaanis galmeewwan mana galmee Baabilon keessatti kuufaman sana ni sakattaʼan.
EZR 6:2 Kitaabni maramaan tokkos Ahimetaa magaalaa guddaa kutaa biyyaa Meedee keessatti argame; kitaaba sana irrattis akkana jedhamee barreeffamee ture: Yaadachiisa:
EZR 6:3 Waggaa tokkoffaa bara mootummaa Qiiros Mootichaa keessa mootichi waaʼee mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaa akkana jedhee labsii baase: Manni qulqullummaa kun iddoo aarsaan itti dhiʼeeffamu taʼee deebifamee haa ijaaramu; hundeen isaas haa buufamu. Manni kunis ol dheerina dhundhuma jaatamaa fi balʼina dhundhuma jaatama qabaatee
EZR 6:4 dhagaa gurguddaa toora sadii sadii fi muka toora tokko tokkoon haa ijaaramu. Baasiin hundinuus qabeenya mootummaa keessaa baafamuu qaba.
EZR 6:5 Akkasumas miʼi warqee fi meetii mana Waaqaa kan Nebukadnezar mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaatii Baabilonitti fide sun iddoo isaanitti jechuunis mana qulqullummaa kan Yerusaalemitti deebifamanii mana Waaqaa keessa kuufamu qabu.
EZR 6:6 Egaa ati Taatenaayi bulchaan Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi isin michoota isaanii qondaaltonni kutaa biyya sanaa achii fagaadhaa.
EZR 6:7 Isin hojii mana qulqullummaa Waaqaa kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihuudootaa fi maanguddoonni Yihuudootaa mana Waaqaa kana iddoo isaatti deebisanii haa ijaaran.
EZR 6:8 Kana irratti ani waan isin ijaarsa mana Waaqaa kana keessatti maanguddoota Yihuudootaa kanneeniif gochuu qabdan kunoo nan labsa: Akka hojiin hin dhaabanneef baasiin namoota kanaa guutumaan guutuutti qabeenya mootummaa irraa jechuunis gibira Gama Laga Efraaxiisii walitti qabamu keessaa haa baafamu.
EZR 6:9 Wanni barbaachisu kam iyyuu jechuunis jiboonni, korbeeyyiinii fi xobbaallaawwan hoolaa Waaqa samiitiif aarsaa gubamu taʼanii dhiʼeeffaman, akkasumas qamadiin, soogiddi, daadhiin wayinii fi zayitiin akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan barbaadanitti utuu gargar hin citin guyyaa guyyaadhaan isaaniif kennamuu qabu;
EZR 6:10 kunis akka isaan aarsaa Waaqa samiitti tolu dhiʼeessanii fi akka isaan jireenya mootichaa fi ilmaan isaatiif Waaqa kadhataniifii dha.
EZR 6:11 Kana caalaa iyyuu yoo namni kam iyyuu ajaja kana dide, ani akka utubaan mana isaa keessaa buqqifamee inni irratti fannifamu labsii kana labseera. Sababii yakka kanaatiif manni isaa tuulaa kosii ni taʼa.
EZR 6:12 Waaqni inni akka Maqaan isaa achi jiraatu godhe sun mootii yookaan saba labsii kana geeddaruuf yookaan mana qulqullummaa kan Yerusaalem keessaa barbadeessuuf harka ol fudhatu kam iyyuu haa balleessu. Ani Daariyoos labsii kana labseera. Wanni kunis ariitiidhaan hojii irra haa oolu.
EZR 6:13 Ergasii Taatenaayi bulchaan biyya Gama Laga Efraaxiis, Satarbuznaayii fi michoonni isaanii akkuma Daariyoos Mootichi labsetti labsii sana ariitiidhaan hojii irra ni oolchan.
EZR 6:14 Kanaafuu maanguddoonni Yihuudootaa lallaba Haagee raajichaatii fi Zakkaariyaas ilma Iddootiin ijaarsa itti fufan; hojiinis ni milkaaʼeef. Isaanis akkuma ajaja Waaqa Israaʼelii fi akkuma labsiiwwan Qiiros, Daariyoosii fi Arxeksis mootota Faaresitti ijaarsa mana qulqullummaa sana ni xumuran.
EZR 6:15 Manni qulqullummaa sunis waggaa jaʼaffaa bara Daariyoos Mootichaa keessa, bultii sadaffaa jiʼa Adaaritti ijaaramee dhume.
EZR 6:16 Ergasii sabni Israaʼel jechuunis luboonni, Lewwonnii fi boojiʼamtoonni hafan ayyaana eebba mana Waaqaa gammachuudhaan ayyaaneffatan.
EZR 6:17 Eebba mana Waaqaa kanaafis jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoolaa dhibba lamaa fi xobbaallaa hoolaa dhibba afur kennan; sababii cubbuu Israaʼel hundaaf immoo korbeeyyii reʼee kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif reʼee tokko tokko dhiʼeessan.
EZR 6:18 Ergasii immoo akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffametti tajaajila mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sanaaf luboota kutaa kutaa isaanitti, Lewwota immoo garee garee isaaniitti ramadan.
EZR 6:19 Boojiʼamtoonnis guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaa ni ayyaaneffatan.
EZR 6:20 Luboonnii fi Lewwonni of qulqulleessanii hundi isaanii akka seeraatti ni qulqullaaʼan. Lewwonni warra boojiʼaman hundaaf, obboloota isaanii lubootaa fi ofii isaaniif hoolaa Faasiikaa qalan.
EZR 6:21 Kanaafuu Israaʼeloonni boojuudhaa deebiʼan namoota Waaqayyo Waaqa Israaʼel barbaaduudhaaf hojii xuraaʼummaa kan Namoota Ormaa kanneen ollaa isaanii jiraatan sanaa lagatan hunda wajjin Faasiikaa sana ni nyaatan.
EZR 6:22 Sababii Waaqayyo akka inni hojii ijaarsa mana Waaqayyo Waaqa Israaʼel keessatti isaan gargaaruudhaaf yaada mootii Asoor geeddaruudhaan gammachuudhaan isaan guuteef isaan bultii torba guutuu Ayyaana Maxinoo Buddeena gammachuudhaan ayyaaneffatan.
EZR 7:1 Wantoota kanneen booddee bara Arxeksis mooticha Faares keessa Izraan ilmi Seraayaa, ilmi Azaariyaa ilmi Hilqiyaa,
EZR 7:2 ilmi Shaluum, ilmi Zaadoq, ilmi Ahiixuub,
EZR 7:3 ilmi Amariyaa, ilmi Azaariyaa, ilmi Meraayoot,
EZR 7:4 ilmi Zeraayaa, ilmi Uzii, ilmi Bukii,
EZR 7:5 ilmi Abiishuuwaa, ilmi Fiinehaas, ilmi Eleʼaazaar, ilmi Aroon lubicha ol aanaa
EZR 7:6 Izraan kun Baabilonii dhufe. Innis barsiisaa Seera Musee kan Waaqayyo Waaqni Israaʼel kenne sana sirriitti beekuu dha. Sababii harki Waaqayyo Waaqa isaa isa irra tureef mootichi waan inni kadhate hunda ni kenneef.
EZR 7:7 Akkasumas waggaa torbaffaa bara Arxeksis Mootichaa keessa Israaʼeloonni tokko tokko jechuunis luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa gara Yerusaalemitti ol baʼan.
EZR 7:8 Izraanis waggaa torbaffaa bara mootii sanaa keessa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe.
EZR 7:9 Innis bultii tokkoffaa jiʼa jalqabaatti karaa isaa Baabilonii jalqabee bultii tokkoffaa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe; harki Waaqa isaa tolaan sun isa irra tureetii.
EZR 7:10 Izraan Seera Waaqayyoo quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.
EZR 7:11 Kun garagalcha xalayaa Arxeksis Mootichi Izraa lubichaa fi barsiisaa, namicha waaʼee ajajaa fi labsiiwwan Waaqayyo Israaʼeliif kenne sanaa baratetti ergee ti:
EZR 7:12 Arxeksis mootii moototaa irraa; Gara Izraa lubicha, barsiisaa Seera Waaqa samiitti: Nagaan siif haa taʼu.
EZR 7:13 Ani amma akka namni Israaʼel kan mootummaa koo keessa jiraatu kam iyyuu luboonnii fi Lewwonni illee abbaan si wajjin Yerusaalem dhaquu barbaadu dhaquu dandaʼu labseera.
EZR 7:14 Ati akka akkuma Seera Waaqa keetii kan harka kee jiru sanaatti waaʼee Yihuudaa fi Yerusaalem qorattuuf mootichaa fi gorsitoota isaa torbaan ergamteerta.
EZR 7:15 Kana irrattis meetii fi warqee mootichii fi gorsitoonni isaa Waaqa Israaʼel kan Yerusaalem keessa jiraatuuf toluma kennan sana fuudhii deemi;
EZR 7:16 waan kanas meetii fi warqee kutaa biyya Baabiloniitii walitti qabde hundaa fi kennaa sabnii fi luboonni mana qulqullummaa Waaqa isaanii kan Yerusaalem keessaaf fedhiidhaan kennan wajjin fuudhii dhaqi.
EZR 7:17 Maallaqa kanaanis jiboota, korbeeyyii hoolaa fi xobbaallaa hoolaa, kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii wajjin bitaatii iddoo aarsaa mana qulqullummaa Waaqa keessanii kan Yerusaalem sana irratti dhiʼeessaa.
EZR 7:18 Ergasii atii fi obboloonni kee Yihuudoonni meetii fi warqee hafe akkuma fedhii Waaqa keessaniitti waanuma gaarii isinitti fakkaate irra oolchaa.
EZR 7:19 Miʼa waaqeffannaa mana qulqullummaa Waaqa keetii keessaaf imaanaa sitti kenname hunda Waaqa Yerusaalem duratti dhiʼeessi.
EZR 7:20 Waan mana qulqullummaa Waaqa keetiif barbaadamu kan kennuu feetu hunda mankuusa mootii keessaa fuudhii kenni.
EZR 7:21 Egaa ani Arxeksis Mootichi akka qabdoonni maallaqaa kanneen Gama Laga Efraaxiis jiran waan Izraan lubichi, barsiisaan Seera Waaqa samii kun isin gaafatu hunda arjummaadhaan isaaf kennan ajajeera;
EZR 7:22 kunis hamma meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii dhibba tokko, daadhii wayinii baadoosii dhibba tokko, zayitii ejersaa baadoosii dhibba tokkoo fi soogidda hamma hin qabne haa taʼu.
EZR 7:23 Wanni Waaqni samii ajaje kam iyyuu mana qulqullummaa Waaqa samiitiif of eeggannaadhaan haa godhamu. Maaliif dheekkamsi mootichaa fi ilmaan mootichaatti dhufa?
EZR 7:24 Amma illee isin akka luboota, Lewwota, faarfattoota, eegdota karraa, tajaajiltoota mana qulqullummaa yookaan hojjettoota mana Waaqaa kana keessa hojjetan kamitti iyyuu gibira, qaraxaa fi ashuuraa murteessuuf aangoo hin qabne beekaa.
EZR 7:25 Egaa Izraa, ati akkuma ogummaa Waaqa keetii kan harka kee jiru sanaatti akka isaan warra Gama Laga Efraaxiis jiraatan bulchaniif abbootii seeraa fi abbootii murtii kanneen hundi isaanii seera Waaqa keetii beekan muudi. Nama seera Waaqaa hin beekne kam iyyuus barsiisi.
EZR 7:26 Namni seera Waaqa keetiitiif yookaan seera mootichaatiif hin ajajamne kam iyyuu dhugumaan ajjeechaadhaan, biyya keessaa ariʼamuudhaan, qabeenyi isaa irraa dhaalamuudhaan yookaan hidhaadhaan adabamuu qaba.
EZR 7:27 Waaqayyo Waaqni abbootii keenyaa kan akka inni karaa kanaan mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessa jiruuf ulfina kennuuf garaa mootichaa keessa yaada kana kaaʼe sun haa galateeffamu;
EZR 7:28 Waaqa fuula mootichaa, fuula gorsitoota mootichaa fi fuula qondaaltota mootichaa ciccimoo hundaa duratti gaarummaa ofii isaa na argisiiseef galanni haa gaʼu. Sababii harki Waaqayyo Waaqa koo anarra tureef ani jajjabaadheen akka isaan na wajjin deemaniif Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo walitti nan qabadhe.
EZR 8:1 Warri kunneen hangafoota maatii fi warra isaan wajjin galmaaʼan kanneen bara mootummaa Arxeksis Mootichaa keessa na wajjin Baabilonii dhufanii dha:
EZR 8:2 Sanyii Fiinehaas keessaa Geershoom; sanyii Iitaamaar keessaa Daaniʼel; sanyii Daawit keessaa Haxuush
EZR 8:3 sanyii Shekaaniyaa; sanyii Phaarosh keessaa Zakkaariyaas; warri isa wajjin galmeeffamanis namoota 150 turan;
EZR 8:4 sanyii Fahat Moʼaab keessaa Eliihooʼeenayi ilma Zaraayaa; warri isa wajjin turanis namoota 200 turan;
EZR 8:5 sanyii Zaatuʼi keessaa Shekaaniyaa ilma Yahiziiʼeel; warri isa wajjin turanis namoota 300 turan;
EZR 8:6 sanyii Aadiin keessaa Ebeed ilma Yoonaataan; warri isa wajjin turanis namoota 50 turan;
EZR 8:7 sanyii Eelaam keessaa Yeshaayaa ilma Ataaliyaa; warri isa wajjin turanis namoota 70 turan;
EZR 8:8 sanyii Shefaaxiyaa keessa Zebaadiyaa ilma Miikaaʼel; warri isa wajjin turanis namoota 80 turan;
EZR 8:9 sanyii Yooʼaab keessaa Obaadiyaa ilma Yehiiʼeel; warri isa wajjin turanis namoota 218 turan;
EZR 8:10 sanyii Baanii keessaa Sheloomiit ilma Yoosifiyaa; warri isa wajjin turanis namoota 160 turan;
EZR 8:11 sanyii Beebay keessaa Zakkaariyaas ilma Beebay; warri isa wajjin turanis namoota 28 turan;
EZR 8:12 sanyii Azgaad keessaa Yoohaanaan ilma Haqaaxaan; warri isa wajjin turanis namoota 110 turan;
EZR 8:13 sanyii Adooniiqaam keessaa warra gara dhumaa kanneen maqaan isaanii Eliiphelex, Yeʼiiʼeelii fi Shemaaʼiyaa jedhamuu dha; warri isaan wajjin turanis namoota 60 turan;
EZR 8:14 sanyii Baguwaay keessaa Uutaayii fi Zakuur; warri isaan wajjin turanis namoota 70 turan.
EZR 8:15 Anis laga gara Ahawaatti yaaʼu biratti walitti isaan nan qabe; nus guyyaa sadii achi turre. Anis yeroon uummataa fi luboota toʼadhetti Lewwota tokko illee isaan keessaa nan dhabe.
EZR 8:16 Kanaafuu ani Eliiʼezer, Ariiʼeel, Shemaaʼiyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam warra hooggantoota turanii fi Yooyaariibii fi Elnaataan warra hayyoota taʼan sana nan waamsise;
EZR 8:17 ergasiis gara Iddoo namicha Kaasiifiyaa bulchuutti isaan nan erge. Anis akka isaan namoota mana Waaqa keenyaa keessa tajaajilan nuuf fidaniif waan isaan Iddoo fi firoota isaa kanneen mana qulqullummaa Kaasifiyaa keessa tajaajilaniin jechuu qaban isaanitti nan hime.
EZR 8:18 Isaanis sababii harki Waaqaa tolaan sun nurra tureef sanyii Mahilii keessaa Sheereebiyaa ilma Lewwii, ilma Israaʼel, namicha hubataa tokko ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin walumatti nama 18 nuuf fidan;
EZR 8:19 akkasumas Hashabiyaa fi ilmaan Meraarii keessaa immoo Yeshaayaa, obboloota isaatii fi ilmaan obboloota isaa walumatti nama 20 nuuf fidan.
EZR 8:20 Amma illee tajaajiltoota mana qulqullummaa kanneen Daawitii fi qondaaltonni isaa akka isaan Lewwota gargaaraniif ramadan keessaa nama 220 nuuf fidan. Isaan kunneen hundi maqaa maqaadhaan ni galmeeffaman.
EZR 8:21 Anis akka nu, ijoolleen keenyaa fi qabeenyi keenya hundi karaa nagaa deemnuuf akka fuula Waaqa keenyaa duratti gad of qabnee kadhannuuf achuma Laga Ahawaa biratti sooman nan labse.
EZR 8:22 Ani sababii nu, “Harki Waaqa keenyaa inni tolaan nama isa abdatu hunda irra jira; warra isa dhiisu hunda irra garuu dheekkamsi isaa ni buʼa” jennee mootichatti himnee turreef akka isaan karaa keenya irratti diinota nurraa dhowwaniif loltootaa fi abbootii fardaa mooticha kadhachuu nan qaanaʼe.
EZR 8:23 Kanaafuu nu soomnee waan kana irratti Waaqa kadhanne; innis kadhaa keenyaaf deebii kenne.
EZR 8:24 Anis luboota hangafoota keessaa kudha lama jechuunis Sheereebiyaa, Hashabiyaa fi obboloota isaanii keessaa nama kudhan kophaatti nan baase;
EZR 8:25 anis kennaa meetii, warqee fi miʼaa kan mootichi, gorsitoonni isaa, qondaaltonni isaa fi Israaʼeloonni achi turan hundi mana Waaqa keenyaatiif kennan irraa madaalee isaaniif nan qoode.
EZR 8:26 Ani meetii taalaantii 650, miʼa meetii kana taalaantii 100 ulfaatu, warqee taalaantii 100,
EZR 8:27 waciitii warqee 20 kan daariikii 1,000 baasuu fi miʼa naasii cululuqaa akkuma warqee gatiin isaa guddaa taʼe lama madaaleen qoodeef.
EZR 8:28 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Isinii fi miʼi kun Waaqayyoof qulqulleeffamtaniirtu. Meetii fi warqeen kun kennaa fedhiidhaan Waaqayyo Waaqa abbootii keessaniitiif kennamanii dha.
EZR 8:29 Hamma kutaalee mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana keessatti fuula luboota hangafootaa, fuula Lewwotaa fi hangafoota maatii Israaʼel duratti madaaltanii qooddanitti miʼa kana jabeessaa eegaa.”
EZR 8:30 Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni meetii, warqee fi miʼa qulqulluu madaalame sana mana Waaqa keenyaa kan Yerusaalem keessaatti geessuuf ni fuudhan.
EZR 8:31 Nus bultii kudha lammaffaa jiʼa tokkoffaatti Yerusaalem dhaquudhaaf Laga Ahawaa biraa kaane. Harki Waaqa keenyaa nurra ture; innis diinotaa fi namoota riphanii karaa irratti nama eegatan jalaa nu baase.
EZR 8:32 Akkasiinis Yerusaalem geenyee bultii sadii achi boqonne.
EZR 8:33 Nus bultii afuraffaatti mana Waaqa keenyaa keessatti meetii, warqee fi miʼa qulqulluu sana madaallee harka Mereemooti lubicha ilma Uuriyaa sanaatti ni kennine. Eleʼaazaar ilmi Fiinehaas akkasumas Lewwonni jechuunis Yoozaabaad ilmi Yeeshuuʼaa fi Nooʼadiyaan ilmi Binuuyii isa wajjin turan.
EZR 8:34 Wanni hundinuus lakkaaʼamee madaalame; ulfinni waan madaalame hundaas yeruma sana ni galmeeffame.
EZR 8:35 Ergasiis boojiʼamtoonni boojuudhaa deebiʼan sun Israaʼel hundaaf jiboota kudha lama, korbeeyyii hoolaa sagaltamii jaʼaa fi xobbaallaa torbaatamii torban aarsaa gubamu, korbeeyyii reʼee kudha lama aarsaa cubbuu godhanii Waaqa Israaʼeliif dhiʼeessan; kun hundi aarsaa gubamu kan Waaqayyoof dhiʼeeffamee dha.
EZR 8:36 Isaan ajaja mootichaa illee ajajjoota mootummaa fi bulchitoota Gama Laga Efraaxiisitti dabarsan. Jarris sabaa fi mana Waaqaa gargaaran.
EZR 9:1 Erga wanni kun hojjetamee booddee hooggantoonni gara koo dhufanii akkana jedhan; “Sabni Israaʼel lubootaa fi Lewwota illee dabalatee saboota ollaa isaanii kanneen hojii jibbisiisaa hojjetan jechuunis Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Yebuusota, Amoonota, Moʼaabota, warra Gibxii fi Amoorota irraa addaan baʼanii hin jiraanne.
EZR 9:2 Isaanis intallan jaraa ofii isaaniitiif fuudhanii ilmaan isaaniis fuusisanii sanyii qulqulluu sana saboota naannoo isaaniitti makan. Hooggantoonnii fi qondaaltonnis balleessaa kana hojjechuu keessatti dura aantota turan.”
EZR 9:3 Ani yeroon waan kana dhagaʼetti qomee koo fi uffata koo nan tarsaasee, rifeensa mataa koo fi areeda koo of irraa buqqisee akka malee rifadheen taaʼe.
EZR 9:4 Kana irratti namoonni dubbii Waaqa Israaʼeliin hollatan hundi sababii balleessaa warra boojuudhaa deebiʼan kanaaf naannoo kootti walitti qabaman. Anis akka malee rifadhee hamma aarsaa galgalaatti achuman taaʼe.
EZR 9:5 Anis yeroo aarsaa galgalaatti akkuma qomee fi uffanni koo tarsaʼee jirutti lafan gaddee taaʼaa turee kaʼee jilbeenfadhee harka koo gara Waaqayyo Waaqa kootti balʼisee
EZR 9:6 akkana jedheen kadhadhe: “Yaa Waaqa ko, sababii cubbuun keenya mataa keenya bira ol darbee yakki keenyas samii gaʼeef, yaa Waaqa koo ani fuula koo gara keetti deebiffachuu akka malee qaanaʼeera; saalfadheeras.
EZR 9:7 Bara abbootii keenyaatii jalqabee hamma ammaatti balleessaan keenya guddaa dha. Sababii cubbuu keenyaaf nu, mootonni keenyaa fi luboonni keenya akkuma harʼaa kana harka mootota ormaa jalatti goraadee fi boojuutti, saamichaa fi salphinatti dabarfamnee kennamneerra.
EZR 9:8 “Amma garuu Waaqayyo Waaqni keenya hambaa nuu hambisee iddoo isaa qulqulluu sana keessatti iddoo amansiisaa nuuf kennuudhaan yeroo gabaabaadhaaf garaa nuuf laafeera; akkasiinis Waaqni keenya ija keenyaaf ifa kenneera; garbummaa keenya keessattis xinnoo nu boqochiiseera.
EZR 9:9 Nu garboota taanu illee Waaqni keenya garbummaa keessatti nu hin ganne. Inni fuula mootota Faares duratti jaalala isaa kan hin geeddaramne sana nu argisiiseera. Inni akka nu mana Waaqa keenyaa deebifnee ijaarruu fi akka diigamaa isaa illee iddootti deebifnuuf jireenya haaraa nuuf kenneera; Yihuudaa fi Yerusaalem keessattis dallaa daʼannoo nuu kenneera.
EZR 9:10 “Amma garuu yaa Waaqa keenya nu kana booddee maal jechuu dandeenya? Nu ajaja
EZR 9:11 ati karaa garboota kee raajotaan kennite sanaaf hin ajajamneetii; innis akkana jedha: ‘Biyyi isin dhaaluudhaaf seenuutti jirtan xuraaʼummaa saba biyya sanaan xuroofteerti. Isaan hojii jibbisiisaa isaaniitiin handaara tokkoo hamma handaara kaanitti xuraaʼummaa isaaniitiin biyyattii guutaniiru.
EZR 9:12 Kanaafuu intallan keessan ilmaan isaanitti hin heerumsiisinaa yookaan ilmaan keessan intallan isaanii hin fuusisinaa. Akka jabaattaniif, akka waan gaarii biyya sanaa nyaattanii biyyatti illee dhaala bara baraa gootanii ijoollee keessanitti dabarsitaniif yoom iyyuu isaan wajjin walii galtee michummaa hin barbaadinaa.’
EZR 9:13 “Wanni nurra gaʼe kun gatii gochawwan hammina keenyaa fi yakka keenya guddaa sanaa ti; haa taʼuutii ati Waaqni keenya adaba cubbuu keenyaaf maluun gad nu adabdee hambaa akkanaa nuu kenniteerta.
EZR 9:14 Nu amma illee ajaja kee cabsinee saba hojiiwwan jibbisiisoo hojjetu kanaan wal haa fuunuu? Yoos ati akka malee nutti dheekkamtee hamma hambaan tokko iyyuu hin hafnetti nu hin balleessituu ree?
EZR 9:15 Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati qajeelaa dha! Nu harʼa hambaa taanee jiraanneerra. Tokkoon keenya iyyuu sababii yakka keenyaaf fuula kee dura dhaabachuu dadhabnu illee nu kunoo yakkuma keenya wajjin fuula kee dura jirra.”
EZR 10:1 Utuma Izraan mana Waaqaa duratti lafaan of dhaʼee booʼaa, cubbuu himachaa, kadhachaa jiruu Israaʼeloonni akka malee hedduun dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen naannoo isaatti walitti ni qabaman. Isaanis hiqqifatanii booʼan.
EZR 10:2 Ergasiis sanyii Eelaam keessaa Shekaaniyaan ilmi Yehiiʼeel Izraadhaan akkana jedhe; “Nu waan saboota naannoo keenya jiraatan keessaa dubartoota ormaa fuuneef Waaqa keenyaaf hin amanamne. Wanni kun taʼu illee amma iyyuu Israaʼeliif abdiin jira.
EZR 10:3 Kanaafuu kottaa akkuma gorsa gooftaa koo fi kan warra ajaja Waaqa keenyaa sodaatanitti dubartoota kanneenii fi ijoollee isaanii hunda of irraa geggeessuuf fuula Waaqa keenyaa duratti kakuu ni galla. Kunis akkuma Seeraatti haa raawwatamu.
EZR 10:4 Kaʼi; wanni kun suma harka jira. Nu si deeggarra; egaa jabaadhuu hojjedhu.”
EZR 10:5 Kanaafuu Izraan kaʼee akka isaan waan jedhame sana raawwataniif luboota hangafoota, Lewwotaa fi Israaʼel hunda ni kakachiise; isaanis ni kakatan.
EZR 10:6 Ergasii Izraan fuula mana Waaqaa duraa kaʼee kutaa manaa kan Yehohaanaan ilma Eliyaashiib seene. Inni yeroo achi turetti nyaata tokko illee hin nyaanne; bishaanis hin dhugne; sababii amanamummaa dhabiisa warra boojuudhaa deebiʼaniif gaddaa tureetii.
EZR 10:7 Ergasii akka warri boojuudhaa deebiʼan hundi Yerusaalem keessatti walitti qabamaniif Yihuudaa fi Yerusaalem guutuu keessatti labsiin ni labsame.
EZR 10:8 Namni kam iyyuu bultii sadii keessatti yoo dhiʼaachuu baate akkuma murtii qondaaltotaa fi maanguddootaatti qabeenyi isaa hundi irraa ni fudhatama; inni mataan isaas waldaa warra boojuudhaa deebiʼee keessaa ni ariʼama.
EZR 10:9 Bultii sadan sana keessatti namoonni Yihuudaa fi Beniyaam hundi Yerusaalem keessatti walitti qabaman. Bultii digdammaffaa jiʼa saglaffaatti namoonni hundi sababii waan kanaa fi sababii rooba guddaatiif akka malee raafamanii oobdii mana Waaqaa dura jiru irra ni tataaʼan.
EZR 10:10 Izraan lubichi ol kaʼee akkana isaaniin jedhe; “Isin amanamoo hin turre; dubartoota ormaa fuudhuudhaanis Israaʼel irratti yakka dabaltaniirtu.
EZR 10:11 Egaa amma cubbuu keessan Waaqayyo Waaqa abbootii keessanitti himadhaatii fedhii isaa guutaa. Saboota naannoo keessan jiraatanii fi niitota warra ormaa keessaa fuutaniin gargar baʼaa.”
EZR 10:12 Guutummaan waldaa sanaa akkana jedhee sagalee guddaadhaan deebise: “Ati sirrii dha! Nu akkuma ati jette gochuu qabna.
EZR 10:13 Garuu nama hedduutu as jira; yeroon kunis yeroo roobaa ti; kanaafuu nu ala dhaabachuu hin dandeenyu. Sababii nu waan kana keessatti cubbuu guddaa hojjenneef wanni kun guyyaa tokkotti yookaan guyyaa lamatti fala argachuu hin dandaʼu.
EZR 10:14 Qondaaltonni keenya iddoo waldaa guutuu haa buʼan. Ergasii namni magaalaawwan keenyaa kan dubartii ormaa fuudhe kam iyyuu hamma dheekkamsi Waaqa keenyaa sodaachisaan sababii waan kanaatiif dhufe sun nurraa deebiʼutti maanguddootaa fi abbootii murtii tokkoo tokkoo magaalaa wajjin yeroo murteeffametti haa dhufu.”
EZR 10:15 Yoonaataan ilma Asaaheelii fi Yahizeyaa ilma Tiqwaa qofatu waan kana morme; Meshulaamii fi Shaabetaayi Lewwichi immoo isaan deeggaran.
EZR 10:16 Warri boojuudhaa deebiʼan sunis akkasuma godhan. Izraan lubichis namoota hangafoota maatii taʼan tokkoo tokkoo garee maatii keessaa nama tokko filatee hunduma isaanii maqaa maqaan ramade. Isaanis bultii tokkoffaa jiʼa kurnaffaatti dhimma sana qorachuudhaaf tataaʼanii
EZR 10:17 guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti waaʼee namoota dubartoota ormaa fuudhan hundaa qoratanii fixan.
EZR 10:18 Sanyii lubootaa keessaa namoonni dubartoonni ormaa fuudhan kanneenii dha: Sanyii Iyyaasuu ilma Yoozaadaaqii fi obboloota isaa keessaa: Maʼaseyaa, Eliiʼezer, Yaariibii fi Gedaaliyaas.
EZR 10:19 Isaan hundinuu niitota isaanii hiikuudhaaf waadaa ni galan; tokkoon tokkoon isaanii balleessaa ofii isaaniitiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif ni dhiʼeessan.
EZR 10:20 Sanyii Imeer keessaa: Hanaanii fi Zebaadiyaa.
EZR 10:21 Sanyii Haariim keessaa: Maʼaseyaa, Eeliyaas, Shemaaʼiyaa, Yehiiʼeelii fi Uziyaa.
EZR 10:22 Sanyii Phaashihuur keessaa: Eliiyooʼeenayi, Maʼaseyaa, Ishmaaʼeel, Naatnaaʼel, Yoozaabaadii fi Eleʼaasaa.
EZR 10:23 Lewwota keessaa immoo: Yoozaabaad, Shimeʼii, Qeelaayaa isa Qeliixaa jedhamu sana, Phetaayaa, Yihuudaa fi Eliiʼezer.
EZR 10:24 Faarfattoota keessaa: Eliyaashiib. Warra karra eegan keessaa: Shaluum, Telemii fi Uuri.
EZR 10:25 Israaʼeloota kaan keessaa: Sanyii Phaarosh keessaa: Raamiyaa, Yeziyaa, Malkiyaa, Miyaamiin, Eleʼaazaar, Malkiyaa fi Benaayaa.
EZR 10:26 Sanyii Eelaam keessaa: Mataaniyaa, Zakkaariyaas, Yehiiʼeel, Abdii, Yireemootii fi Eeliyaas.
EZR 10:27 Sanyii Zaatuu keessaa: Eliiyooʼeenayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yireemooti, Zaabaadii fi Aziizaa.
EZR 10:28 Sanyii Beebay keessaa: Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi.
EZR 10:29 Sanyii Baanii keessaa: Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaasuub, Sheʼaalii fi Raamoot.
EZR 10:30 Sanyii Fahat Moʼaab keessaa: Adinaa, Kelaal, Benaayaa, Maʼaseyaa, Mataaniyaa, Bezaliʼeel, Binuuyii fi Minaasee.
EZR 10:31 Sanyii Haariim keessaa: Eliiʼezer, Yishiyaa, Malkiyaa, Shemaaʼiyaa, Simiʼoon,
EZR 10:32 Beniyaam, Maluukii fi Shemaariyaa.
EZR 10:33 Sanyii Haashum keessaa: Matenaayi, Matataa, Zaabaadii, Eliiphelexi, Yereemaayi, Minaasee fi Shimeʼii.
EZR 10:34 Sanyii Baanii keessaa: Maʼadaay, Amraam, Uuʼeel,
EZR 10:35 Benaayaa, Beediyaa, Keluuhii,
EZR 10:36 Waaneyaa, Mereemooti, Eliyaashiib,
EZR 10:37 Mataaniyaa, Matenaayii fi Yaʼasaawuu,
EZR 10:38 Baanii, Binuuyii, Shimeʼii,
EZR 10:39 Shelemiyaa, Naataan, Adaayaa,
EZR 10:40 Maknaadebaayi, Shaashaayi, Shaaraayi,
EZR 10:41 Azariʼeel, Shelemiyaa, Shemaariyaa,
EZR 10:42 Shaluum, Amariyaa fi Yoosef.
EZR 10:43 Sanyii Neboo keessaa: Yeʼiiʼeel, Matiitiyaa, Zaabaadii, Zebiinaa, Yaadaayi, Yooʼeelii fi Benaayaa.
EZR 10:44 Warri kunneen hundinuu dubartoota ormaa ni fuudhan; isaan keessaas tokko tokko niitota kanneen irraa ijoollee ni dhalchan.
NEH 1:1 Dubbii Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa: Waggaa digdammaffaatti jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa utuu ani gamoo Suusaa keessa jiruu,
NEH 1:2 obboloota koo keessaa Hanaaniin namoota biraa wajjin Yihuudaadhaa dhufe; anis waaʼee hambaa Yihuudoota boojuu jalaa baʼanii fi waaʼee Yerusaalem isaan nan gaafadhe.
NEH 1:3 Isaanis akkana naan jedhan; “Warri boojuudhaa deebiʼanii kutaa biyyaa kana keessa jiraatan rakkinaa fi salphina guddaa keessa jiru. Dallaan Yerusaalem diigamee karraawwan ishees ibiddaan gubamaniiru.”
NEH 1:4 Anis waan kana dhageenyaan gad taaʼee booʼee guyyoota muraasaaf nan gadde; soomees fuula Waaqa samii durattin kadhadhe.
NEH 1:5 Akkanas nan jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa samii, Waaqa guddichaa fi sodaachisaa, kan warra si jaallatanii ajaja kee eeganiif kakuu jaalala keetii eegdu,
NEH 1:6 akka kadhannaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa fuula kee duratti waaʼee garboota kee saba Israaʼel kadhadhu dhageessuuf gurri kee haa banamu; iji kees haa ilaalu. Ani cubbuu nu Israaʼeloonni, ani mataan koo fi manni abbaa koo sitti hojjenne nan hima.
NEH 1:7 Nu akka malee hammina sitti hojjenneerra. Nu ajaja, labsii fi seera ati garbicha kee Museetti kennite sana hin eegne.
NEH 1:8 “Qajeelfama garbicha kee Museetti kennite sana yaadadhu; innis akkana jedha; ‘Yoo isin amanamuu baattan ani saboota keessa isin nan bittinneessa;
NEH 1:9 garuu yoo isin gara kootti deebitanii ajaja koo eegdan, yoo namoonni keessan kanneen boojiʼaman daarii lafaa jiraatan illee ani achii walitti isaanin qabee gara iddoo ani akka Maqaan koo achi jiraatuuf filadhe sanaatti isaan nan fida.’
NEH 1:10 “Isaan garboota kee fi saba kee warra ati humna kee guddaa fi harka kee jabaa sanaan furtee dha.
NEH 1:11 Yaa Gooftaa, gurri kee kadhannaa garbicha kee kanaa fi kadhannaa garboota kee warra maqaa kee sodaachuutti gammadanii sirriitti haa dhagaʼu. Fuula namicha kanaa duratti surraa isaaf kennuudhaan harʼa garbicha kee milkeessi.” Ani nama mootichaaf daadhii buusun ture.
NEH 2:1 Waggaa digdammaffaa bara Arxeksis Mootichaatti jiʼa Niisaan keessa yeroo daadhiin wayinii isaaf dhiʼeeffametti ani daadhii wayinii sana fuudhee mootichaaf nan kenne. Ani fuula isaa duratti gaddee hin beeku;
NEH 2:2 kanaafuu mootichi, “Ati utuu hin dhukkubsatin fuulli kee maaliif waan gadde fakkaata? Kun gadda garaa keessaati malee waan biraa miti” naan jedhe. Anis akka maleen sodaadhe;
NEH 2:3 mootichaanis, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Utuu magaalaan abbootiin koo keessatti awwaalaman barbadooftee jirtuu, utuu karrawwan ishees ibiddaan barbadeeffamanii jiranuu fuulli koo maaliif hin gaddu?” nan jedhe.
NEH 2:4 Mootichis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” naan jedhe. Kanaafuu ani Waaqa samii kadhadheen
NEH 2:5 akkana jedhee mootichaaf nan deebise; “Yoo wanni kun mooticha gammachiisee garbichi kee fuula kee duratti surraa argate, akka ani magaalattii deebisee ijaaruuf gara Yihuudaa, gara magaalaa abbootiin koo itti awwaalamanitti na ergi.”
NEH 2:6 Kana irratti mootichi utuma mootittiin isa bira teessuu, “Karaan kee yeroo hammamii fudhata? Atis yoomi deebita?” jedhee na gaafate. Na erguun fedhii mootichaa taʼe; anis yeroo nan murteeffadhe.
NEH 2:7 Ammas ani akkanan isaan jedhe; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, akka isaan hamma ani Yihuudaa gaʼutti nagaadhaan na dabarsaniif bulchitoota Laga Efraaxiis Gamaatiif xalayaan anaaf haa kennamu.
NEH 2:8 Akkasumas akka inni laaxaa ani ittiin dareeraa karra daʼannoo mana qulqullummaa, dallaa magaalaa sanaa fi kan mana ani itti galuuf jiruu tolfadhu naaf kennuuf Aasaaf eegduu bosona mootichaaf xalayaan naaf haa barreeffamu.” Sababii harki Waaqa koo tolaan sun narra tureef mootichi waan ani kadhadhe naa kenne.
NEH 2:9 Kanaafuu ani gara bulchitoota Gama Laga Efraaxiis dhaqee xalayoota mootichaa isaanitti nan kenne. Mootichi ajajjoota waraanaa fi abbootii fardeenii na wajjin ergee ture.
NEH 2:10 Sanbalaax Hooroonichii fi Xoobbiyaan qondaaltichi Amoon sun yeroo waan kana dhagaʼanitti sababii namni Israaʼeliif waan tolaa yaadu tokko dhufeef akka malee ni raafaman.
NEH 2:11 Ani ergan Yerusaalem dhaqee bultii sadii achi bubbulee booddee
NEH 2:12 halkaniin kaʼee namoota muraasa wajjin nan baʼe. Ani waan Waaqni koo akka ani Yerusaalemiif godhu garaa koo keessa kaaʼe nama tokkotti iyyuu hin himne. Horii tokkicha ani yaabbadhe sana malee horiin tokko illee na bira hin turre.
NEH 2:13 Ani halkaniin Karra Sululaatiin gad baʼee gara Boolla Bishaan Jawweetii fi gara Karra Dikee dhaqee dallaa Yerusaalem kan diigamee fi karrawwan ishee kanneen ibiddaan barbadeeffaman sana irra naannaʼeen ilaale.
NEH 2:14 Ergasiis ani ittuma fufee gara Karra Burqaa fi gara Haroo mootichaa nan dhaqe; garuu karaan horii ani yaabbadhe dabarsu tokko illee hin turre;
NEH 2:15 kanaafuu ani halkaniin karaa sululaatiin ol baʼee dallaa sana nan ilaale. Dhuma irrattis dugda duubatti deebiʼee Karra Sululaatiin ol nan seene.
NEH 2:16 Sababii ani hamma gaafasitti Yihuudootatti yookaan lubootatti yookaan namoota bebeekamootti yookaan qondaaltotatti yookaan namoota hojii sana hojjechuuf jiran biraa kamitti iyyuu homaa hin himiniif qondaaltonni sun gara ani dhaqe yookaan waan ani hojjechaa ture hin beekne.
NEH 2:17 Anis akkana isaaniin nan jedhe; “Isin rakkoo nu keessa jirru ni argitu; Yerusaalem diigamteerti; karrawwan ishees ibiddaan gubamaniiru. Kottaa nu akka siʼachi nama kolfaa hin taaneef dallaa Yerusaalem deebifnee ni ijaarraa.”
NEH 2:18 Ani waaʼee harka Waaqa koo kan narra jiru tolaa sanaa fi waan mootichi naan jedhe illee isaanitti nan hime. Isaanis, “Kottaa kaanee deebisnee haa ijaarru” jedhanii deebisan. Kanaafuu isaan hojii gaarii kana jalqaban.
NEH 2:19 Garuu Sanbalaaxi Hooroonichi, Xoobbiyaan qondaaltichi Amoonii fi Gesheem namni Arabaa sun waan kana dhageenyaan nutti qoosanii nutti kolfan. Isaanis, “Wanni isin hojjettan kun maali? Isin mootichatti fincilaa jirtu moo?” jedhanii gaafatan.
NEH 2:20 Ani immoo akkana jedheen deebii kenneef; “Waaqni samii fiixaan nuuf baasa. Nu garboonni isaa immoo kaanee ni ijaarra; isin garuu Yerusaalem keessaa qooda yookaan mirga yookaan yaadannoo tokko illee hin qabdan.”
NEH 3:1 Eliyaashiib lubichi ol aanaanii fi luboonni akka isaa kaʼanii Karra Hoolotaa ijaaran. Isaan karra sana qulqulleessanii cufaawwan isaa iddootti deebisan; dallaa sanas hamma Gamoo Dhibbaa kan isaan qulqulleessan sanaattii fi hamma Gamoo Hanaaniʼeelitti ijaaran.
NEH 3:2 Namoonni Yerikoo kutaa itti aanu ijaaran; Zakuur ilmi Imrii immoo isaanitti aansee ijaare.
NEH 3:3 Ilmaan Hasenaaʼaa Karra Qurxummii deebisanii ijaaran. Isaan demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan.
NEH 3:4 Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi kutaa itti aanu haaromse. Isatti aanee Meshulaam ilma Berekiyaa ilma Meseezebeelitu haaromse; isaanitti aanee immoo Zaadoq ilma Baʼanaatu haaromse.
NEH 3:5 Kutaa itti aanu namoota Teqooʼaatu haaromse; namoonni isaanii bebeekamoon garuu hojii Gooftaa isaaniitiif boquu gad hin qabanne.
NEH 3:6 Yooyaadaan ilmi Faasehaatii fi Meshulaam ilmi Besoodeyaa Karra Moofaa haaromsan. Isaanis demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan.
NEH 3:7 Isaanitti aansee immoo Melaaxiyaan namichi Gibeʼoon, Yaadoon namichi Meeroonot akkasumas namoonni Gibeʼooniitii fi Miisphaa kutaawwan bulchiinsa bulchaa Gama Laga Efraaxiis jala jiran sana haaromsan.
NEH 3:8 Tumtuu warqee keessaa Uziiʼeel ilmi Harhayaa kutaa itti aanu haaromse. Warra Shittoo hojjetan keessaa Hanaaniyaan kutaa kutaa sanatti aanu haaromse. Isaanis hamma Dallaa Balʼaatti Yerusaalemin akka duriitti deebisanii ijaaran.
NEH 3:9 Refaayaan ilmi Huuri, bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalem kutaa itti aanu haaromse.
NEH 3:10 Isaanitti aansee Yedaayaa ilmi Haruumaaf kutaa fuullee mana ofii isaa haaromse; Haxuush ilmi Hashabniyaa isatti aansee haaromse.
NEH 3:11 Malkiyaan ilmi Haariimiitii fi Hashuub ilmi Fahat Moʼaab kutaa biraatii fi Gamoo Badaa Ibiddaa haaromsan.
NEH 3:12 Shaluum ilmi Haloheesh bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalemiitii fi intallan isaa kutaa itti aanu haaromsan.
NEH 3:13 Haanuunii fi jiraattonni Zaanoʼaa Karra Sululaa haaromsan. Isaanis karra sana deebisanii ijaaranii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. Akkasumas hamma Karra Dikeetti dallaa dhundhuma kuma tokko lafa irra dheeratu haaromsan.
NEH 3:14 Malkiyaan ilmi Rekaab bulchaan aanaa Beet Hakerem Karra Dikee haaromse. Innis karra sana deebisee ijaaree cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise.
NEH 3:15 Shelaa ilmi Kol-Hoozee bulchaan aanaa Miisphaa sun Karra Burqaa haaromse. Innis karra sana haaromsee gubbaa isaa haguugee cufaawwan isaa, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise. Dallaa Haroo Sheelaanii kan Iddoo Biqiltuu Mootichaa biraa sanas hamma waltajjii Magaalaa Daawit irraa gad buʼuutti haaromse.
NEH 3:16 Isa duubaan Nahimiyaan ilmi Azbuuq bulchaan gartokkee aanaa Beet Zuuri sun hamma iddoo fuullee awwaala Daawititti, hamma haroo kuufamee fi hamma Mana Goototaatti haaromse.
NEH 3:17 Isatti aanee Lewwonni Rehuum ilma Baaniitiin qajeelfaman ni haaromsan. Isatti aansee immoo Hashabiyaan bulchaan gartokkee aanaa Qeyiilaa sun aanaa ofii isaatiif haaromse.
NEH 3:18 Isatti aansee namoonni biyya isaanii qajeelcha Bawaayi ilma Heenaadaad bulchaa gartokkee aanaa Qeyiilaa jala turan ni haaromsan.
NEH 3:19 Isatti aansee Eezer ilmi Yeeshuʼaa bulchaan Miisphaa iddoo karaa mankuusa miʼa lolaatti geessu fuul duraa sana hamma roga isaatti kutaa biraa haaromse.
NEH 3:20 Isatti aansees Baaruk ilmi Zabaayi roga sanaa jalqabee hamma balbala mana Eliyaashiib lubicha ol aanaatti kutaa biraa hinaaffaadhaan haaromse.
NEH 3:21 Isatti aansee Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi balbala mana Eliyaashiibiitii jalqabee hamma dhuma isaatti kutaa biraa haaromse.
NEH 3:22 Isatti aansee immoo luboota naannoo sana jiranittu haaromse.
NEH 3:23 Isaaniin achittis Beniyaamii fi Hashuubittu fuula mana isaanii dura haaromse; isaanitti aansee immoo Azaariyaa ilma Maʼaseyaa ilma Anaaniyaatu mana isaa bira haaromse.
NEH 3:24 Isatti aansee Binuuyiin ilmi Heenaadaad mana Azaariyaatii jalqabee hamma rogaa fi golee isaatti kutaa biraa haaromse;
NEH 3:25 Phaalaal ilmi Uuzaay immoo golee sanaa fi gamoo masaraa mootummaa kan ol aanu gubbaatti ijaarame fuullee oobdii eegdotaa bira haaromse. Isatti aansees Phedaayaan ilmi Phaaroshii fi
NEH 3:26 tajaajiltoonni mana qulqullummaa kanneen tulluu Oofeel irra jiraatan hamma iddoo Karra Bishaanii kan gama baʼaatii fi gamoo ol kaʼaa sana duraatti haaromsan.
NEH 3:27 Isaanitti aansanii immoo namoonni Teqooʼaa gamoo ol kaʼaa guddichaa jalqabanii hamma dallaa Oofeelitti kutaa biraa haaromsan.
NEH 3:28 Karra Fardaatiin olitti tokkoon tokkoon lubootaa fuula mana ofii isaanii dura haaromsan.
NEH 3:29 Isaanitti aansee Zaadoq ilmi Imeer fuullee mana isaa haaromse. Isatti aansee Shemaaʼiyaan ilmi Shekaaniyaa eegduun Karra gama Baʼaa sun akkasuma ni haaromse.
NEH 3:30 Isatti aansaniis Hanaaniyaan ilmi Shelemiyaatii fi Haanuun ilmi Zaalaaf jaʼaffaan sun kutaa biraa haaromsan. Isaanitti aansee immoo Meshulaam ilmi Berekiyaa fuullee mana ofii isaa keessa jiraatuu haaromse.
NEH 3:31 Isatti aansee immoo tumtuu warqee keessaa Malkiyaan hamma mana tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi daldaltootaa kan fuullee Karra Toʼannaatti, hamma kutaa manaa kan golee irraattis haaromse;
NEH 3:32 tumtuun warqeetii fi daldaltoonni immoo kutaa manaa kan golee irraa sanaa fi Karra Hoolotaa gidduu jiru haaromsan.
NEH 4:1 Sanbalaaxi akka nu dallaa kana deebifnee ijaaraa jirru dhageenyaan aariin gubatee dheekkame. Innis Yihuudootatti qoosee
NEH 4:2 fuula obboloota isaa fi fuula loltoota Samaariyaa duratti akkana jedhe; “Yihuudoonni dadhaboonni kunneen maal hojjechaa jiru? Isaan dallaa isaanii deebisanii ijaaruu? Aarsaa illee ni dhiʼeessuu? Guyyaa tokko keessatti ni fixuu? Isaan waan akkas gubamee tuulame keessaa dhagaa fuudhanii akka duriitti deebisuu dandaʼuu?”
NEH 4:3 Xoobbiyaan namichi Amoon kan isa bira dhaabate sunis, “Waan isaan ijaaraa jiran kana, dallaa isaanii kan dhagaa kana waangoon iyyuu yoo yaabde ni jigsiti!” jedhe.
NEH 4:4 Yaa Waaqa keenya nu dhagaʼi; nu tuffatamneerraatii. Arraba isaan nu arrabsan matuma isaaniitti deebisi. Boojuudhaaf dabarsii biyya ormaatti isaan kenni.
NEH 4:5 Sababii isaan fuula ijaartotaa duratti dheekkamsaaf si kakaasaniif yakka isaanii hin dhoksiniif yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqiniif.
NEH 4:6 Nu akkasiin dallaa sana hamma inni walakkaa dheerina isaa gaʼutti deebifnee ijaarre; namoonni garaa tokkoon hojjechaa turaniitii.
NEH 4:7 Garuu Sanbalaaxi, Xoobbiyaan, Araboonni, Amoononnii fi namoonni Ashdood yommuu akka haaromfamuun dallaa Yerusaalem ittuma fufaa jiruu fi akka qaawwi isaa duuchamaa jiru dhagaʼanitti akka malee aaran.
NEH 4:8 Isaan hundinuu dhufanii Yerusaalemin loluu fi rakkina itti fiduudhaaf tokkummaadhaan malatan.
NEH 4:9 Nu garuu Waaqa keenya kadhannee doorsisa kana of irraa ittisuuf jennee waardiyyaa halkanii fi guyyaa eegu tokko kaaʼanne.
NEH 4:10 Sabni Yihuudaas, “Humni hojjettootaa laafeera; sababii diigamni isaa akka malee guddaa taʼeef nu dallaa kana deebifnee ijaaruu hin dandeenyu” jedhe.
NEH 4:11 Diinonni keenyas, “Utuu isaan hin beekin yookaan nu hin argin isaan gidduu seennee isaan fixnee hojii sana dhaabbachiifna” jedhan.
NEH 4:12 Yihuudoonni isaanitti dhiʼoo jiraatan dhufanii, “Yoo isin eessa illee dhaqxan isaan inuma nu lolu” jedhanii yeroo kudhan nutti himan.
NEH 4:13 Kanaafuu ani namoota sana keessaa tokko tokko dachaa dallaa duubaan jiru keessa, iddoo ol kaʼaa irratti ramadee akka isaan goraadee, eeboo fi iddaa qabatanii dhaabatan nan godhe.
NEH 4:14 Anis ergan asii fi achi ilaalee booddee ol kaʼee namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Isin jara hin sodaatinaa. Gooftaa guddichaa fi sodaachisaa sana yaadadhaatii obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intallan keessaniif, niitota keessanii fi manneen keessaniif lolaa.”
NEH 4:15 Yeroo diinonni keenya akka nu mala isaaniitti dammaqne, akka Waaqnis mala isaanii sana jalaa diige dhagaʼanitti nu hundi gara dallaatti, tokkoon tokkoon keenyas hojii keenyatti deebine.
NEH 4:16 Gaafasii jalqabee namoota koo keessaa walakkaan isaanii hojii hojjetanii walakkaan kaan immoo eeboo, gaachana, iddaa fi miʼa lolaa hidhatan. Ajajjoonnis saba Yihuudaa hunda duubaan dhaabachaa turan;
NEH 4:17 warri dallaa ijaaranii fi baʼaa baatanis harka tokkoon ni hojjetu, harka tokkoon immoo miʼa lolaa qabatu turan;
NEH 4:18 tokkoon tokkoon ijaartota sanaa goraadee ofii isaanii mudhiitti hidhatanii hojii hojjetan. Namichi malakata afuufu garuu na wajjin ture.
NEH 4:19 Anis namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Hojiin kun guddaa fi balʼaa dha; tokkoon tokkoon keenyas gargar fagaannee dallaa irra jirra.
NEH 4:20 Iddoo itti sagalee malakataa dhageessan kamitti iyyuu nutti makamaa. Waaqni keenya nuuf lolaa!”
NEH 4:21 Kanaafuu nu barii barraaqaa jalqabnee hamma urjiiwwan baʼanitti akkuma namoota keenya keessaa gariin eeboo qabatanii jiranitti hojii itti fufne.
NEH 4:22 Anis yeroo sanatti namootaan akkanan jedhe; “Akka isaan halkan akka eegdotaatti, guyyaa immoo akka hojjettootaatti nu tajaajiluu dandaʼaniif nama kam iyyuu gargaaraa isaa wajjin halkan Yerusaalem keessa tursaa.”
NEH 4:23 Anis, obboloonni koos, namoonni koos, eegdonni na wajjin turanis uffata keenya hin baafanne; tokkoon tokkoon namaa yeroo bishaan barbaacha deemu illee miʼa isaa kan waraanaa harkatti qabata ture.
NEH 5:1 Yeroo kanatti namoonnii fi niitonni isaanii obboloota isaanii Yihuudootatti guddisanii iyyan.
NEH 5:2 Isaan keessaa namoonni tokko tokko, “Nu, ilmaan keenyaa fi intallan keenya baayʼee hedduu dha; nu akka nyaannee jiraannuuf midhaan argachuu qabna” jechaa turan.
NEH 5:3 Warri kaan immoo, “Nu yeroo beelaatti midhaan argachuudhaaf jennee lafa qotiisaa keenya, iddoo dhaabaa wayinii keenyaa fi manneen keenya qabsiisaa jirra” jechaa turan.
NEH 5:4 Ammas namoonni biraa akkana jedhan; “Nu lafa qotiisaa keenyaa fi iddoo dhaabaa wayinii keenyaatiif gibira mootichaa baasuudhaaf maallaqa liqeeffachuu qabna turre.
NEH 5:5 Nu namoota biyya keenyaatiin foonii fi dhiiga tokko taanee ilmaan keenyas akkuma ilmaan isaanii gaarii taʼan illee, nu ilmaan keenyaa fi intallan keenya dabarsinee garbummaaf kennineerra. Intallan keenya keessaa tokko tokko amma iyyuu garboomfamanii jiru; garuu lafti qotiisaa keenyaa fi iddoon dhaabaa wayinii keenyaa kan namoota biraa waan taʼaniif nu humna hin qabnu.”
NEH 5:6 Anis yommuun iyya isaaniitii fi dubbii kana dhagaʼetti baayʼee nan aare.
NEH 5:7 Anis ofiin mariʼadhee namoota bebeekamoo fi qondaaltota sana nan ifadhe; akkanas nan jedheen; “Isin hiiqiidhaan liqeessuudhaan namootuma biyya keessanii saamaa jirtu!” Kanaafuu ani yaaʼii guddaa isaanitti waameen
NEH 5:8 akkana isaaniin jedhe; “Nu hamma nuu dandaʼametti obboloota keenya Yihuudoota saba ormaatti gurguramanii turan sana deebifnee bitanneerra. Isin amma illee akka isaan deebifamanii nutti gurguramaniif jettanii obboloota keessaan gurguraa jirtu!” Isaan immoo waan jedhan dhabanii calʼisan.
NEH 5:9 Kanaafuu ani ittuma fufeen akkana jedheen; “Wanni isin hojjechuutti jirtan kun sirrii miti. Isin tuffii diinota keenya Namoota Ormaa jalaa baʼuuf, Waaqa keenya sodaachuudhaan jiraachuu hin qabdanii?
NEH 5:10 Ani, obboloota koo fi namoonni koos maallaqaa fi midhaan saba kanaaf liqeessaa jirra. Garuu hiiqiidhaan liqeessuudhaan nama saamuu dhiisaa!
NEH 5:11 Amma dafaatii lafa qotiisaa isaanii, iddoo dhaabaa wayinii isaanii, mukkeen ejersaatii fi manneen isaanii akkasumas waan hiiqiidhaan liqeessitanii dhibbantaan saamtan kanneen akka maallaqaa, midhaanii, daadhii wayinii haaraatii fi zayitii sana deebisaafii.”
NEH 5:12 Isaanis, “Nu waan sana deebifnee ni kennina; deebinee waan tokko illee isaan irraa hin barbaannu. Akkuma ati jette goona” jedhan. Kana irratti ani luboota ofitti waamee akka namoonni bebeekamoonii fi qondaaltonni waan waadaa galan sana raawwatan nan kakachiise.
NEH 5:13 Ammas ani dachaa uffata koo hurgufeen akkana jedhe; “Waaqayyo nama waadaa kana hin eegne kamiin iyyuu mana isaatii fi qabeenya isaa irraa akkana haa hurgufu. Namni akkanaa kun akkasuma hurgufamee harka duwwaa haa hafu!” Kana irratti waldaan hundi, “Ameen” jedhee Waaqayyoon galateeffate. Uummannis akkuma waadaa gale sana godhe.
NEH 5:14 Kana caalaas yeroo ani bara Arxeksis mootichaa keessa waggaa digdammaffaatti bulchaa biyya Yihuudaa taʼee muudamee jalqabee hamma waggaa soddomii lammaffaa mootummaa isaatti jechuunis waggaa kudha lamaaf, anis obboloonni koos nyaata bulchaaf ramadame hin nyaanne.
NEH 5:15 Garuu bulchitoonni durii kanneen anaan dura turan baʼaa guddaa saba baachisanii nyaataa fi daadhii wayinii malee iyyuu meetii saqilii afurtama isaan irraa fudhachaa turan. Gargaartonni isaaniis akkasuma saba cunqursan. Ani garuu waanan Waaqa sodaadhuuf akkas hin goone.
NEH 5:16 Qooda kanaa ani hojii dallaa ijaaruu kanaaf of nan kenne. Namoonni koo hundinuu achitti hojiidhaaf walitti qabaman; nu lafa tokko illee hin arganne.
NEH 5:17 Amma illee namoota saba naannoo keenya jiraatan keessaa dhufan malee Yihuudoonni dhibba tokkoo shantamnii fi qondaaltonni maaddii koo irraa nyaachaa turan.
NEH 5:18 Guyyaa guyyaadhaan sangaan tokko, hoolonni gagabbatoon jaʼaa fi indaanqoowwan muraasni, guyyaa kudhan kudhaniin immoo daadhiin wayinii kan gosa hundaa baayʼinaan naa qopheeffama ture. Kana hunda malees ani takkumaa nyaata bulchaaf ramadamuu qabu hin gaafanne; gaaffiin kun saboota kanneenitti baʼaa guddaa tureetii.
NEH 5:19 Yaa Waaqa koo waan ani saba kanaaf godhe hunda tolaatti naa lakkaaʼi.
NEH 6:1 Ani hamma yeroo sanaatti cuftuu balbalaa itti galchuu baadhu illee Sanbalaax, Xoobbiyaan, Gesheem namicha Arabaa sanaa fi diinonni keenya biraan akka ani dallaa sana deebisee ijaaree iddoon hin ijaaramin tokko iyyuu hin hafin dhageenyaan
NEH 6:2 Sanbalaaxii fi Gesheem, “Kottu mee gandoota dirree Oonoo irra jiran keessaa isa tokko keessatti wal arginaa” jedhanii ergaa kana natti ergan. Isaan garuu na miidhuuf malachaa turan;
NEH 6:3 kanaafuu ani akkana jedhee ergamoota isaanittin erge; “Ani waan hojii guddaa hojjechaa jiruuf gad buʼuu hin dandaʼu. Yeroo ani hojii dhiisee gara keessanitti gad buʼuutti hojiin maaliif dhaabata?”
NEH 6:4 Isaan ergaadhuma tokko siʼa afur natti ergan; anis siʼa afranuu deebiidhuma tokkon kenneef.
NEH 6:5 Sanbalaaxis ergaadhuma sana garbicha isaa tokkoon yeroo shanaffaa natti erge; garbichi sunis xalayaa hin cufamin tokko harkaa qaba ture.
NEH 6:6 Xalayichis akkana jedha: “Akka atii fi Yihuudoonni finciluu barbaaddan uummata keessatti odeeffameera; Gesheemis kanuma mirkaneessa. Wanni isin dallaa ijaartaniifis kanuma; akka oduu kanaatti ati mootii isaanii taʼuu barbaadda;
NEH 6:7 ati akka isaan, ‘Yihuudaa keessa mootii tokkotu jira!’ jedhanii waaʼee kee Yerusaalem keessatti labsaniif raajota muudatteerta. Oduun kun gara mootichaatti ni deebiʼa; kanaafuu kottu wajjin ni mariʼannaa.”
NEH 6:8 Kana irratti ani, “Wanni akka waan ati dubbattu kanaa tokko illee hin hojjetamne; ati matuma kee keessaa fuutee dubbattaa” jedheen deebiseef.
NEH 6:9 Isaan hundi, “Harki jara kanaa hojii hojjechuu ni dadhaba; hojiin kunis hin dhumu” jedhanii yaaduudhaan nu sodaachisuu yaalaa turan. Ani garuu, “Amma harka koo naa jajjabeessi” jedheen Waaqa kadhadhe.
NEH 6:10 Anis gaaf tokko mana Shemaaʼiyaa ilma Delaayaa, ilma Maheexabiʼeel kan manuma ofii isaa keessatti itti cufame sanaa nan dhaqe. Innis akkana jedhe; “Sababii namoonni si ajjeesuuf dhufaa jiraniif, sababii isaan si ajjeesuuf halkaniin dhufaa jiraniif kottu mana Waaqaatti, mana qulqullummaa keessatti wal arginee balbalawwan mana qulqullummaa haa cufannu.”
NEH 6:11 Ani immoo, “Namni akka kootii kun baqachuu qabaa? Yookaan namni na fakkaatu tokko lubbuu ofii isaa oolfachuudhaaf jedhee mana qulqullummaa seenuu qabaa? Ani hin deemu!” jedheen.
NEH 6:12 Ani akka Waaqni isa natti hin ergin beekkadheera; inni garuu sababii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxi isa bitataniif waaʼee koo waan hamaa raaje.
NEH 6:13 Inni na sodaachisee akka ani waan kana hojjechuudhaan cubbuu hojjedhuuf, akka isaanis akkasiin maqaa hamaa naa kennanii maqaa na balleessaniif bitame.
NEH 6:14 Yaa Waaqa ko, sababii waan isaan hojjetan sanaaf jedhiitii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxin yaadadhu; raajjuu Nooʼadiyaa jedhamtuu fi raajota na sodaachisuu yaalan kaanis yaadadhu.
NEH 6:15 Akkasiinis dallaan sun bultii shantamii lamatti, jiʼa Eeluuli jedhamu keessa bultii digdamii shanaffaatti ijaaramee dhume.
NEH 6:16 Yommuu diinonni keenya hundi oduu kana dhagaʼanitti, saboonni naannoo keenyaa hundi sodaatanii abdii kutatan; isaan akka hojiin kun gargaarsa Waaqa keenyaan hojjetame hubataniiruutii.
NEH 6:17 Bara sana keessa namoonni Yihuudaa bebeekamoon xalayoota hedduu gara Xoobbiyaatti ergaa turan; Xoobbiyaanis deebii isaaniif ni erga ture.
NEH 6:18 Sababii inni soddaa Shekaaniyaa ilma Aaraa tureef namoonni Yihuudaa keessa jiraatan hedduun isaaf kakatan; akkasumas ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaam ilma Berekiyaa fuudhee ture.
NEH 6:19 Kana malees isaan hojii isaa gaarii natti odeessaa, waan ani jedhe illee isatti himaa turan. Xoobbiyaan immoo na sodaachisuuf jedhee xalayoota natti ergaa ture.
NEH 7:1 Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman.
NEH 7:2 Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Waaqa sodaatu tureetii.
NEH 7:3 Ani akkanan isaaniinan jedhe; “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa.”
NEH 7:4 Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne.
NEH 7:5 Waaqni koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha:
NEH 7:6 Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan;
NEH 7:7 isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan.
NEH 7:8 Sanyiin Phaarosh 2,172
NEH 7:9 sanyiin Shefaaxiyaa 372
NEH 7:10 sanyiin Aaraa 652
NEH 7:11 sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818
NEH 7:12 sanyiin Eelaam 1,254
NEH 7:13 sanyiin Zaatuu 845
NEH 7:14 sanyiin Zakaayi 760
NEH 7:15 sanyiin Binuuyii 648
NEH 7:16 sanyiin Beebay 628
NEH 7:17 sanyiin Azgaad 2,322
NEH 7:18 sanyiin Adooniiqaam 667
NEH 7:19 sanyiin Baguwaay 2,067
NEH 7:20 sanyiin Aadiin 655
NEH 7:21 sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98
NEH 7:22 sanyiin Haashum 328
NEH 7:23 sanyiin Beesaay 324
NEH 7:24 sanyiin Haariif 112
NEH 7:25 sanyiin Gibeʼoon 95
NEH 7:26 namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188
NEH 7:27 namoonni Anaatoot 128
NEH 7:28 namoonni Beet Azmaawet 42
NEH 7:29 namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743
NEH 7:30 namoonni Raamaa fi Gebaa 621
NEH 7:31 namoonni Mikmaas 122
NEH 7:32 namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123
NEH 7:33 namoonni Neboo kaan 52
NEH 7:34 namoonni Eelaam kaan 1,254
NEH 7:35 namoonni Haariim 320
NEH 7:36 namoonni Yerikoo 345
NEH 7:37 namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721
NEH 7:38 namoonni Senaaʼaa 3,930.
NEH 7:39 Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 973
NEH 7:40 sanyiin Imeer 1,052
NEH 7:41 sanyiin Phaashihuur 1,247
NEH 7:42 sanyiin Haariim 1,017.
NEH 7:43 Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
NEH 7:44 Faarfattoota: Sanyiin Asaaf 148.
NEH 7:45 Eegdota karra mana qulqullummaa: Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138.
NEH 7:46 Tajaajiltoota mana qulqullummaa: Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot,
NEH 7:47 sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon,
NEH 7:48 sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi,
NEH 7:49 sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar,
NEH 7:50 sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa,
NEH 7:51 sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa,
NEH 7:52 sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim,
NEH 7:53 sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
NEH 7:54 sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa,
NEH 7:55 sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi,
NEH 7:56 sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa.
NEH 7:57 Sanyii Tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa,
NEH 7:58 sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel,
NEH 7:59 sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon.
NEH 7:60 Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392.
NEH 7:61 Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:
NEH 7:62 Sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642.
NEH 7:63 Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.
NEH 7:64 Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman.
NEH 7:65 Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.
NEH 7:66 Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan;
NEH 7:67 kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture.
NEH 7:68 Isaan farda 736, gaangolii 245,
NEH 7:69 gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture.
NEH 7:70 Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe.
NEH 7:71 Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii 2,200 mankuusatti galii godhan.
NEH 7:72 Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan.
NEH 7:73 Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.
NEH 8:1 Yeroo jiʼi torbaffaan gaʼee Israaʼeloonni magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatanitti, uummanni hundinuu akkuma nama tokkootti oobdii Karra Bishaanii duratti walitti qabame. Isaanis akka inni Kitaaba Seera Musee kan Waaqayyo Israaʼeliif ajaje sana fiduuf Izraa barsiisaa seeraa sanatti himan.
NEH 8:2 Kanaafuu Izraan lubichi guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti fuula waldaa dhiiraa fi dubartii warra waa hubachuu dandaʼan hundaa duratti Seera sana fide.
NEH 8:3 Innis barii ganamaa jalqabee hamma saafaatti gara oobdii Karra Bishaaniin duratti garagalee fuula dhiirotaa, dubartootaa fi namoota waa hubachuu dandaʼan kaanii duratti sagalee isaa ol fudhatee seera sana dubbise. Uummanni hundis kitaaba Seeraa sana qalbeeffatee dhaggeeffate.
NEH 8:4 Izraan barsiisaan seeraa sun waltajjii mukaa kan kaayyoo kanaaf hojjetame irra dhaabate. Isa biras karaa mirga isaa Matiitiyaa, Shemaa, Anaayaa, Uuriyaa, Hilqiyaa fi Maʼaseyaatu dhaabate; karaa bitaa isaa immoo Phedaayaa, Miishaaʼeel, Malkiyaa, Haashum, Hashbadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meshulaamitu dhaabatee ture.
NEH 8:5 Izraan Kitaabicha bane. Sababii inni isaanii ol dhaabachaa tureef namoonni hundi isa arguu dandaʼan; akkuma inni kitaabicha baneenis sabni hundi kaʼee dhaabate.
NEH 8:6 Izraanis Waaqayyo Waaqa guddicha galateeffate; namoonni hundinuus harka ol qabatanii, “Ameen! Ameen!” jedhanii jalaa qaban. Ergasiis gad jedhanii addaan lafatti gombifamanii Waaqayyoof sagadan.
NEH 8:7 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Sheereebiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaayi, Hoodiyaa, Maʼaseyaan, Qeliixaa, Azaariyaa, Yoozaabaad, Haanaanii fi Phelaayaan utuma waldaan achi dhaabatee jiruu seera sana ibsaniif.
NEH 8:8 Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.
NEH 8:9 Achii immoo Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan lubichi barsiisaan seeraa sunii fi Lewwonni uummataaf ibsa kennaa turan sun hunda isaaniitiin, “Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo Waaqa keessaniif qulqulleeffamee dha. Hin gaddinaa yookaan hin booʼinaa” jedhan. Sabni hundi yeroo dubbii seera sanaa dhagaʼetti booʼaa tureetii.
NEH 8:10 Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.”
NEH 8:11 Lewwonnis, “Calʼisaa; guyyaan kun guyyaa qulqulluudhaatii hin gaddinaa” jedhanii uummata hunda ni tasgabbeessan.
NEH 8:12 Ergasiis sabni hundi sababii dubbii itti himame sana hubateef nyaatee dhuguuf, nyaata isaa irraa qoodee warra kaaniif illee erguu fi gammachuu guddaan ayyaaneffachuudhaaf kaʼee deeme.
NEH 8:13 Bultii lammaffaa jiʼa sanaatti abbootiin maatiiwwanii hundinuu dubbii Seera sanaa qalbeeffachuuf lubootaa fi Lewwota wajjin Izraa barsiisaa sana biratti walitti qabaman.
NEH 8:14 Isaanis akka ajajni Waaqayyo karaa Museen kenne kan, Israaʼeloonni yeroo ayyaana jiʼa torbaffaatti daasii keessa turuu qabu jedhu sun seera keessatti barreeffamee jiru argatan;
NEH 8:15 akkasumas akka isaan akkuma barreeffamee jirutti, “Daasii ijaaruudhaaf biyya gaaraatti ol baʼaatii damee ejersaa fi damee ejersa bosonaa, damee kusaayee, damee meexxii fi damee mukkeen baala qabanii fidaa” jedhanii magaalaawwan isaanii fi Yerusaalem keessatti labsuu qaban ni argatan.
NEH 8:16 Kanaafuu uummanni sun gad baʼee dameelee fidee tokkoon tokkoon isaanii bantii mana ofii isaanii irratti, oobdii ofii isaanii irratti, oobdii mana Waaqaa irratti, oobdii Karra Bishaanii fi oobdii Karra Efreem bira jiru irratti daasii ijaarratan.
NEH 8:17 Waldaan boojuudhaa deebiʼe hundi daasii ijaarratee keessa jiraate. Bara Iyyaasuu ilma Nuuniitii jalqabee hamma gaafasitti Israaʼeloonni akkasitti hin ayyaaneffanne. Gammachuun isaaniis akka malee guddaa ture.
NEH 8:18 Izraanis guyyaa jalqabaatii hamma guyyaa dhumaatti guyyuma guyyaan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise. Isaanis guyyaa torba ayyaana sana ayyaaneffatanii guyyaa saddeettaffaatti immoo akkuma seeraatti yaaʼii guddaa godhatan.
NEH 9:1 Bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti Israaʼeloonni wayyaa gaddaa uffatanii, daaraa mataatti firfirfatanii soomaaf walitti qabaman.
NEH 9:2 Warri sanyii Israaʼel taʼanis namoota ormaa hunda irraa kophaa of baasan. Isaanis kaʼanii cubbuu ofii isaaniitii fi hammina abbootii isaanii himatan.
NEH 9:3 Isaanis idduma turan sana dhaabatanii kurmaana guyyaatiif Kitaaba Seera Waaqayyo Waaqa isaanii keessaa dubbifatan; kurmaana biraa immoo cubbuu isaanii himachaa Waaqayyo Waaqa isaanii waaqeffatan.
NEH 9:4 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Qadmiiʼeel, Shebaniyaan, Buniin, Sheereebiyaan, Baanii fi Kenaan waltajjiiwwan irra dhaabatanii sagalee ol fudhatanii Waaqayyo isaanii waammatan.
NEH 9:5 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Qadmiiʼeel, Baaniin, Hashabniyaan, Sheereebiyaan, Hoodiyaa, Shebaniyaanii fi Phetaayaadhaan, “Kaʼaatii Waaqayyo Waaqa keessan isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sana galateeffadhaa” jedhan. “Maqaan kee inni ulfina qabeessi haa eebbifamu; eebbaa fi galata hundaa olittis ol ol haa jedhu.
NEH 9:6 Suma qofatu Waaqayyo. Ati samiiwwan, samiiwwan oliitii fi tuuta urjiiwwan isaanii hunda, lafaa fi waan lafa irra jiru hunda, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumte. Ati waan hundaaf lubbuu kennita; raayyaawwan samiis si waaqeffatu.
NEH 9:7 “Ati Waaqayyo Waaqa Abraamin filattee biyya Kaldootaa Uuri keessa isa baaftee Abrahaam jettee isa moggaaftee dha.
NEH 9:8 Ati akka ati yaadni isaa amanamaa siif taʼe argitee biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Yebuusotaatii fi biyya Girgaashotaa sanyiiwwan isaatiif kennuuf kakuu isaaf galte. Ati waan qajeelaa taateef waadaa kee eegdeef.
NEH 9:9 “Ati rakkina abbootiin keenya biyya Gibxi keessatti rakkatan argite; booʼicha isaan Galaana Diimaa biratti booʼan illee ni dhageesse.
NEH 9:10 Ati sababii warri Gibxi of tuulummadhaan hammam akka isaan dhiphisan beekteef Faraʼoonitti, qondaaltota isaa hundattii fi saba biyya isaa hundatti mallattoo fi dinqiiwwan argisiifte. Ati maqaa hamma harʼaatti illee jiru ofii keetiif baafatte.
NEH 9:11 Ati akka isaan lafa gogaa irra darbaniif fuuluma isaanii duratti galaana gargar qoodde; warra isaan ariʼu garuu akkuma dhagaa bishaan guddaatti gad darbatamuu tokkootti tuujubatti gad isaan darbatte.
NEH 9:12 Guyyaa guyyaa utubaa duumessaatiin isaan qajeelchite; halkan halkan immoo karaa isaan deeman irratti ifa isaaniif kennuuf jettee utubaa ibiddaatiin isaan qajeelchite.
NEH 9:13 “Ati Tulluu Siinaa irratti gad buute; samii irraas isaanitti dubbate. Ajajawwanii fi seerawwan dhugaa fi qajeelaa, labsiiwwanii fi ajajawwan gaariis isaaniif kennite.
NEH 9:14 Sanbata kee qulqulluu sana isaan beeksiftee karaa garbicha kee Museetiin ajajawwan, labsiiwwanii fi seerawwan isaaniif kennite.
NEH 9:15 Yeroo isaan beelaʼanitti samiidhaa buddeena kenniteefii yeroo isaan dheebotanitti immoo kattaa keessaa bishaan baafteef; akka isaan biyya ati isaaniif kennuuf kakatte sanatti galanii dhaalanis isaanitti himte.
NEH 9:16 “Abbootiin keenya garuu of tuulan; mataa jabaataniis ajaja kee eeguu didan.
NEH 9:17 Jarris ajajamuu didan; dinqii ati isaan gidduutti hojjette hin yaadanne. Garbummaa isaaniitti deebiʼuuf jedhaniis mataa jabaatanii fincila isaaniitiin hoogganaa muuddatan. Ati garuu Waaqa namaaf araaramu, arjaa fi gara laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa dhuma hin qabnee dha. Kanaafuu ati isaan hin ganne;
NEH 9:18 yeroo isaan ofii isaaniitiif fakkii jabbii tolfatanii, ‘Kun Waaqa keessan kan biyya Gibxii isin baasee dha’ jedhanii Waaqa arrabsanitti illee ati isaan hin ganne.
NEH 9:19 “Sababii gara laafina kee guddaa sanaatiif ati gammoojjii keessatti isaan hin ganne. Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa karaa isaanii irratti isaan geggeessuu hin dhiifne; utubaan ibiddaa immoo halkan halkan karaa isaanii irratti isaaniif ibsuu hin dhiifne.
NEH 9:20 Isaan barsiisuuf jettee Hafuura kee gaarii sana kennite. Ati mannaa afaan isaaniitii hin dhabamsiifne; dheebuu isaaniitiifis bishaan kenniteef.
NEH 9:21 Waggaa afurtama gammoojjii keessatti isaan soorte; isaan waan tokko illee hin dhabne; wayyaan isaanii hin dhumne; miilli isaaniis hin iitofne.
NEH 9:22 “Ati daangaa hunda qooddeefii mootummootaa fi saboota isaaniif kennite. Isaanis akkasiin biyya Sihoon mooticha Heshboonii fi biyya Oogi mooticha Baashaanii fudhatan.
NEH 9:23 Ati ilmaan isaanii akkuma urjiiwwan samii baayʼifte; biyya akka isaan seenanii dhaalaniif abbootii isaaniitti himte sanatti isaan galchite.
NEH 9:24 Ilmaan isaanii itti galanii biyya sana dhaalan. Atis Kanaʼaanota biyya sana turan isaan jala galchite; akka jarri waanuma fedhan isaan godhaniif Kanaʼaanota mootota isaaniitii fi saba biyya sanaatiin walitti qabdee dabarsitee harka isaaniitti kennite.
NEH 9:25 Isaanis magaalaawwan daʼannoo qabanii fi lafa gabbataa qabatan; manneen miʼa gaggaarii gosa hundaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, iddoo dhaabaa wayinii, lafa qotiisaa mukkeen ejersaatii fi mukkeen ija baasan hedduu dhaalan. Isaan nyaatanii quufanii gabbatan; arjummaa kee guddaa sanaanis ni gammadan.
NEH 9:26 “Isaan garuu ajajamuu didanii sitti fincilan; seera kees of duubatti gatan. Raajota kee kanneen gara keetti isaan deebisuuf jedhanii isaan seeran illee ni fixan; Waaqas ni arrabsan.
NEH 9:27 Kanaafuu ati diinota isaanii warra isaan cunqursanitti dabarsitee isaan kennite. Isaan garuu yeroo cunqurfamanitti sitti iyyatan. Atis samiidhaa isaan dhageessee gara laafina kee guddaa sanaan namoota harka diinota isaanii jalaa isaan baasan kenniteef.
NEH 9:28 “Isaan garuu akkuma boqonnaa argataniin amma illee fuula kee duratti waan hamaa hojjetan. Kana irratti ati akka warri sun isaan bulchaniif jettee harka diinota isaaniitti dabarsitee isaan kennite. Yommuu isaan amma illee gara keetti ol iyyatanitti ati samii irraa dhageessee gara laafina keetiin yeroo hedduu isaan furte.
NEH 9:29 “Ati akka isaan gara seera keetiitti deebiʼaniif isaan akeekkachiifte; isaan immoo of tuulanii ajaja kee eeguu didan. Ajajawwan kee kanneen ‘namni tokko yoo ajajameef ittiin jireenya argachuu dandaʼutti illee’ cubbuu hojjetan. Finciluudhaan dugda isaanii sitti garagalchan; mataa jabaataniis si dhagaʼu didan.
NEH 9:30 Ati bara hedduu isaaniif obsite. Karaa raajota keetiitiin Hafuura keetiin isaan akeekkachiifte. Taʼus isaan gurra hin kennine; kanaafuu ati dabarsitee saba biyya sanaatti isaan kennite.
NEH 9:31 Ati garuu sababii Waaqa arjaa fi araara qabeessa taateef, araara kee guddicha sanaaf jettee isaan hin balleessine yookaan isaan hin ganne.
NEH 9:32 “Kanaafuu amma yaa Waaqa keenya, Waaqa guddicha, jabaa fi sodaachisaa, kan kakuu jaalala keetii eegdu, ati rakkina nutti dhufe kana hunda jechuunis rakkina bara mootota Asoorii jalqabee hamma harʼaatti nutti, mootota keenyaa fi hooggantoota keenyatti, luboota keenyaa fi raajota keenyatti, abbootii keenyaa fi saba kee hundatti dhufe kana akka waan salphaatti hin ilaalin.
NEH 9:33 Waan nurra gaʼe hunda keessatti ati qajeelaa dha; nu yoo hamaa hojjenne iyyuu ati waan qajeelaa hojjette.
NEH 9:34 Mootonni keenya, hooggantoonni keenya, luboonni keenyaa fi abbootiin keenya seera kee duukaa hin buune; isaan ajaja keetiif yookaan akeekkachiisa ati isaaniif kenniteef xiyyeeffannoo hin kennine.
NEH 9:35 Isaan yeroo ati biyya balʼaa fi lafa gabbataa keessatti waan gaarii isaaniif kennite sana keessatti gammadaa, mootummaa ofii isaanii keessa turanitti illee si hin tajaajille yookaan karaa isaanii hamaa sana irraa hin deebine.
NEH 9:36 “Kunoo nu harʼa garboota; biyyuma ati akka isaan midhaan isheetii fi waan gaggaarii isheen baaftu nyaataniif jettee abbootii keenyaaf kennite keessatti garboomneerra.
NEH 9:37 Sababii cubbuu keenyaatiif midhaan ishee baayʼeen sun gara mootota ati nutti muudde sanaa dhaqa. Isaan nuu fi loon keenya illee akkuma fedhan godhu. Nu rakkina guddaa keessa jirra.
NEH 9:38 “Sababii waan kana hundaatiif nu walii galtee walitti nu hidhu tokko barreeffamaan qopheessine. Hooggantoonni keenya, Lewwonni keenyaa fi luboonni keenya chaappaawwan isaanii itti rukutan.”
NEH 10:1 Warri chaappaan rukutanis kanneenii dha: Bulchaa biyyaa jechuunis Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa. Zedeqiyaa,
NEH 10:2 Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,
NEH 10:3 Phaashihuur, Amariyaa, Malkiyaa,
NEH 10:4 Haxuush, Shebaniyaa, Maluuk,
NEH 10:5 Haariim, Mereemooti, Obaadiyaa,
NEH 10:6 Daaniʼel, Ginetoon, Baaruk,
NEH 10:7 Meshulaam, Abiyaa, Miyaamiin,
NEH 10:8 Maʼaaziyaa, Bilgaayii fi Shemaaʼiyaa. Warri kunneen luboota turan.
NEH 10:9 Lewwonni: Yeeshuuʼaa ilma Azaniyaa, ilmaan Heenaadaad keessaa Binuuyii, Qadmiiʼeelii fi
NEH 10:10 obboloota isaanii: Shebaniyaa, Hoodiyaa, Qeliixaa, Phelaayaa, Haanaan,
NEH 10:11 Miikaa, Rehoob, Hashabiyaa,
NEH 10:12 Zakuur, Sheereebiyaa, Shebaniyaa,
NEH 10:13 Hoodiyaa, Baanii fi Beniinuu.
NEH 10:14 Bulchitoota sabaa: Phaarosh, Fahat Moʼaab, Eelaam, Zaatuu, Baanii,
NEH 10:15 Bunii, Azgaad, Beebay,
NEH 10:16 Adooniyaa, Baguwaay, Aadiin,
NEH 10:17 Ateer, Hisqiyaas, Azuri,
NEH 10:18 Hoodiyaa, Haashum, Beesaay,
NEH 10:19 Haariif, Anaatoot, Nebaayi,
NEH 10:20 Magiphiiʼaash, Meshulaam, Heeziir,
NEH 10:21 Mesheezabeel, Zaadoq, Yaaduʼaa,
NEH 10:22 Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,
NEH 10:23 Hoosheeʼaa, Hanaaniyaa, Hashuub,
NEH 10:24 Haloheesh, Philihaa, Soobeq,
NEH 10:25 Rehuum, Hashabnaa, Maʼaseyaa,
NEH 10:26 Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,
NEH 10:27 Maluuk, Haariimii fi Baʼanaa.
NEH 10:28 “Namoonni hafan kaan jechuunis luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaatii fi warri Seera Waaqaatiif jedhanii saboota ollaa irraa kophaa of baasan hundinuu niitota isaanii, ilmaanii fi intallan isaanii kanneen waa hubachuu dandaʼan hunda wajjin
NEH 10:29 obboloota isaanii bebeekamootti dabalamanii akka Seera Waaqaa kan karaa Musee garbicha Waaqaa sanaatiin kenname sana eeganiif ajaja, seeraa fi labsii Waaqayyo Gooftaa keenyaa hundaaf ajajamaniif abaarsaa fi kakuudhaan waadaa galan.
NEH 10:30 “Nu akka warra naannoo keenya jiraatanitti intallan keenya hin heerumsiifne yookaan akka ilmaan keenya illee intallan isaanii hin fuusifne waadaa galla.
NEH 10:31 “Yoo saboonni ollaa keenya jiraatan miʼa daldalaa yookaan midhaan gurguraa guyyaa Sanbataatiin fidan nu guyyaa Sanbataatiin yookaan guyyaa qulqulluu kamiin iyyuu isaan irraa hin bitannu. Waggaa torbaffaa kam iyyuu lafa qotiisaa boqochiifnee idaa hunda namaaf ni dhiifna.
NEH 10:32 “Akka waggaa hunda tajaajila mana Waaqa keenyaatiif jennee saqilii argannu harka sadii keessaa harka tokko kenninu itti gaafatamummaa ni fudhanna;
NEH 10:33 kunis buddeena minjaala irratti dhiʼeeffamuuf, kennaa midhaaniitii fi aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamuuf, aarsaa guyyaa Sanbataatiif, kan ayyaana Baatii Haaraatii fi kan ayyaanota bebeekamoo, aarsaawwan qulqullaaʼoodhaaf, aarsaawwan cubbuu kanneen Israaʼeliif araara buusuuf dhiʼeeffamaniif, akkasumas hojiiwwan mana Waaqa keenyaa keessaa hundaafii dha.
NEH 10:34 “Nu, luboonni, Lewwonnii fi sabni yeroo itti tokkoon tokkoon maatiiwwan keenyaa akkuma Seera keessatti barreeffametti waggaa hunda keessaa yeroo murteeffametti iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa irratti bobeessuuf kennaa qoraanii gara mana Waaqa keenyaa fiduu qabnu beekuuf ixaa buufanneerra.
NEH 10:35 “Akkasumas nu mataa midhaan keenyaatii fi mataa muka ija kennuu hunda waggaa waggaadhaan gara mana Waaqayyoo fiduuf itti gaafatama fudhanneerra.
NEH 10:36 “Akkuma Seera keessatti barreeffametti hangafa ilmaan keenyaatii fi hangafa loon keenyaa, hangafa horii keenyaatii fi hangafa bushaayee keenyaa gara mana Waaqa keenyaa, luboota achi keessa tajaajilanitti ni geessina.
NEH 10:37 “Kana malees nu daakuu keenya kan bukeeffame irraa, kennaawwan midhaan keenyaa irraa, ija mukkeen keenyaa hunda irraa, daadhii wayinii keenyaa haaraa fi zayitii irraa mataa fuunee gara mankuusaalee mana Waaqa keenyaa lubootatti geessina. Amma illee sababii warri harka kudhan keessaa harka tokko walitti qaban Lewwota taʼaniif magaalaawwan keessa hojjennu hunda keessaa oomisha midhaan keenyaa harka kudhan keessaa harka tokko Lewwotatti geessina.
NEH 10:38 Yeroo Lewwonni kennaa harka kudhan keessaa tokko walitti qabanitti lubni sanyii Aroon keessaa dhalate tokko isaan wajjin jiraachuu qaba; ergasii Lewwonni kennaa walitti qaban sana keessaa harka kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaa, gara mankuusaa qabeenyaatti fiduu qabu.
NEH 10:39 Sabni Israaʼelii fi ilmaan Lewwii kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi kan zayitii gara mankuusaalee miʼi mana qulqullummaa kaaʼamu, iddoo luboonni tajaajilan, eegdonni karraa fi faarfattoonni taaʼanitti fiduu qabu. “Nus mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”
NEH 11:1 Yeroo sanatti hooggantoonni sabaa Yerusaalem keessa qubatan; warri kaan immoo akka inni Yerusaalem magaalaa qulqulluu sana keessa jiraatuuf nama kudhan keessaa tokko fidachuuf ixaa buufatan; warri hafan sagallan immoo magaalaadhuma ofii isaanii keessatti hafan.
NEH 11:2 Sabnis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhiin of kennan hunda eebbise.
NEH 11:3 Warri kunneen hooggantoota kutaa biyyaa kanneen Yerusaalem keessa qubatanii dha; magaalaawwan Yihuudaa keessa garuu tokkoon tokkoon isaanii qabeenya ofii isaaniitiin magaalaawwan ofii isaanii keessa jiraatan; isaanis: Israaʼeloota, luboota, Lewwota, tajaajiltoota mana qulqullummaa fi sanyiiwwan tajaajiltoota Solomoon;
NEH 11:4 ilmaan Yihuudaa fi ilmaan Beniyaam tokko tokko immoo Yerusaalem keessa jiraatan. Sanyii Yihuudaa Keessaa: Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalaleel, sanyii Faares; akkasumas
NEH 11:5 Maʼaseyaa ilma Baaruk, ilma Kol-Hoozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yooyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Shelaa.
NEH 11:6 Sanyiin Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota jajjaboo 468 turan.
NEH 11:7 Sanyii Beniyaam keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Yooʼeed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maʼaseyaa, ilma Iitiiʼeel, ilma Yeshaayaa,
NEH 11:8 duukaa buutota isaa Gabayii fi Salaayi; isaan walumatti nama 928 turan.
NEH 11:9 Yooʼeel ilmi Zikrii toʼataa isaanii ture; Yihuudaan ilmi Hasenuuʼaa bulchaa itti aanaa ture.
NEH 11:10 Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa, ilma Yooyaariib, Yaakiin;
NEH 11:11 Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub, bulchaa mana Waaqaa,
NEH 11:12 obboloota isaanii kanneen mana qulqullummaa keessa hojjetan; walumatti dhiira 822 turan. Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaatii fi
NEH 11:13 obboloota isaa warra abbootii maatii turan; walumatti dhiira 242 turan. Amashisaay ilma Azariʼeel, ilma Ahazaayi, ilma Mashileemoot, ilma Imeeriitii fi
NEH 11:14 obboloota isaa namoota jajjaboo; walumatti dhiira 128 turan. Toʼataan isaanii Zabdiiʼeel ilma Hagdoolim ture.
NEH 11:15 Lewwota Keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa, ilma Buunii;
NEH 11:16 hangafoota Lewwotaa keessaa Shaabetaayii fi Yoozaabaad warra hojii mana Waaqaatiin alaatti itti gaafatamoo turan.
NEH 11:17 Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zabdii, ilma Asaaf, namicha yeroo galataatii fi kadhannaatti sagantaa qajeelchu sana; Baqbuqiyaa isa obboloota ofii isaa keessaa lammaffaa ture sana; Abdaa ilma Shamuuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun.
NEH 11:18 Lewwonni magaalaa qulqullittii walumatti 284 turan.
NEH 11:19 Eegdota karraa: Aquub, Talmoonii fi obboloota isaanii kanneen karra eegan; isaanis walumatti dhiira 172 turan.
NEH 11:20 Israaʼeloonni kaan immoo lubootaa fi Lewwota wajjin magaalaawwan Yihuudaa keessa tokkoon tokkoon isaanii dhaala ofii isaaniitiin jiraatan.
NEH 11:21 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa garuu tulluu Oofeel irra jiraatan; Ziihaa fi Gishiphaan immoo ajajjoota isaanii turan.
NEH 11:22 Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashabiyaa, ilmi Mataaniyaa, ilmi Miikaa sun Lewwota Yerusaalem keessa jiraatan irratti qondaala hangafa ture. Uuziin kun sanyiiwwan Asaaf warra faarfattoota itti gaafatamtoota hojii mana Waaqaa turan keessaa tokko ture.
NEH 11:23 Faarfattoonni sun ajaja mootichaa kan guyyaa guyyaan hojii isaanii qajeelchu jala turan.
NEH 11:24 Phetaayaan ilmi Mesheezabeel inni sanyiiwwan Zaaraa ilma Yihuudaa keessaa tokko taʼe sun dhimma saba ilaalu hunda keessatti iddoo buʼaa mootichaa ture.
NEH 11:25 Gama gandoota lafa qotiisaa qabaniitiin immoo sabni Yihuudaa tokko tokko Kiriyaati Arbaaqii fi gandoota ishee keessa, Diiboonii fi gandoota ishee keessa, Yeqabziʼeelii fi gandoota ishee keessa,
NEH 11:26 Yeeshuʼaa keessa, Molaadaa keessa, Beet Phelexi keessa,
NEH 11:27 Hazar Shuuʼaal keessa, Bersheebaa fi gandoota ishee keessa,
NEH 11:28 Siiqlaagi keessa, Mekoonaa fi gandoota ishee keessa,
NEH 11:29 Een Rimoon keessa, Zoraa keessa, Yarmuut keessa,
NEH 11:30 Zaanoʼaa keessa, Adulaamii fi gandoota ishee keessa, Laakkiishii fi lafa qotiisaawwan ishee keessa, Azeeqaa fi gandoota ishee keessa qubatan. Kanaafuu isaan Bersheebaa jalqabanii hamma Sulula Hinoomitti jiraatan.
NEH 11:31 Sanyiiwwan Beniyaam Gebaadhaa jalqabanii Mikmaas keessa, Ayyaa keessa, Beetʼeelii fi gandoota ishee keessa,
NEH 11:32 Anaatoot keessa, Noobii fi Hanaaniyaa keessa,
NEH 11:33 Haazoor keessa, Raamaa fi Gitayim keessa,
NEH 11:34 Haadiid keessa, Zebooʼiimii fi Nebalaax keessa,
NEH 11:35 Lood, Oonoo fi Gehaaraashim keessa jiraatan.
NEH 11:36 Garee Lewwota Yihuudaa keessaa tokko tokko immoo gosoota Beniyaam gidduu qubatan.
NEH 12:1 Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuu wajjin deebiʼanii dha: Seraayaa, Ermiyaas, Izraa,
NEH 12:2 Amariyaa, Maluuk, Haxuush,
NEH 12:3 Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti,
NEH 12:4 Iddoo, Ginetoon, Abiyaa,
NEH 12:5 Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa,
NEH 12:6 Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa,
NEH 12:7 Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa.
NEH 12:8 Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin faarfannaa galataatti itti gaafatamaa ture sana turan.
NEH 12:9 Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan.
NEH 12:10 Iyyaasuun abbaa Yooyaaqiim; Yooyaaqiim abbaa Eliyaashiib; Eliyaashiib abbaa Yooyaadaa ti;
NEH 12:11 Yooyaadaan abbaa Yoonaataan; Yoonaataan abbaa Yaaduʼaa ti.
NEH 12:12 Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan: Maatii Seraayaa keessaa Meraayaa; maatii Ermiyaas keessaa Hanaaniyaa;
NEH 12:13 maatii Izraa keessaa Meshulaam; maatii Amariyaa keessaa Yehohaanaan;
NEH 12:14 maatii Maliikii keessaa Yoonaataan; maatii Shebaniyaa keessaa Yoosef;
NEH 12:15 maatii Haariim keessaa Adinaa; maatii Meraayoot keessaa Helqaayi;
NEH 12:16 maatii Iddoo keessaa Zakkaariyaas; maatii Ginetoon keessaa Meshulaam;
NEH 12:17 maatii Abiyaa keessaa Zikrii; maatii Miniyaamiinii fi kan Moʼaadiyaa keessaa Philxaayi;
NEH 12:18 maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa; maatii Shemaaʼiyaa keessaa Yoonaataan;
NEH 12:19 maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Uzii;
NEH 12:20 maatii Sheelaay keessaa Qaalaayi; maatii Aamoq keessaa Eeber;
NEH 12:21 maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Naatnaaʼel.
NEH 12:22 Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman.
NEH 12:23 Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman.
NEH 12:24 Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan.
NEH 12:25 Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan.
NEH 12:26 Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Iyyaasuu, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan.
NEH 12:27 Yeroo eebba dallaa Yerusaalemitti Lewwonni akka faarfannaa galataatiin, kililleedhaan, baganaa fi kiraaraan ayyaana eebbaa sana gammachuun ayyaaneffataniif iddoo jiraatan hundaa barbaadamanii gara Yerusaalem fidaman.
NEH 12:28 Faarfattoonnis biyya naannoo Yerusaalem jechuunis gandoota Netoofotaatii,
NEH 12:29 Beet Gilgaalii, naannoo Gebaatii fi Azmaawetitti walitti fidaman; faarfattoonni naannoo Yerusaalemitti gandoota ofii isaanii ijaarratanii turaniitii.
NEH 12:30 Luboonnii fi Lewwonnis erga akka seeraatti of qulqulleessanii booddee saba, karrawwanii fi dallaa sana qulqulleessan.
NEH 12:31 Anis akka hooggantoonni Yihuudaa dallaatti ol baʼan nan godhe. Akkasumas akka isaan galata dhiʼeessaniif tuuta faarfattootaa lama nan ramade. Tuunni tokko karaa mirgaatiin dallaa irraan gara Karra Dikee dhaqe.
NEH 12:32 Hooshaʼiyaa fi hooggantoota Yihuudaa keessaa walakkaan,
NEH 12:33 Azaariyaa, Izraa, Meshulaam,
NEH 12:34 Yihuudaa, Beniyaam, Shemaaʼiyaa fi Ermiyaas wajjin isaan duukaa buʼan;
NEH 12:35 akkasumas luboonni malakata qabatan tokko tokkoo fi Zakkaariyaas ilmi Yoonaataan, ilmi Shemaaʼiyaa, ilmi Mataaniyaa, Miikaayaa, ilmi Zakuur, ilmi Asaaf isaan duukaa buʼan;
NEH 12:36 amma illee obboloota isaa jechuunis Shemaaʼiyaan, Azariʼeel, Miilaalaayi, Gilaalayi, Maaʼayi, Naatnaaʼel, Yihuudaa fi Hanaaniim akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti meeshaa faarfannaa fudhatanii dhaqan. Izraan barreessaan sun immoo isaan hoogganaa ture.
NEH 12:37 Isaanis Karra Burqaa biraa kaʼanii gulantaawwan Magaalaa Daawit iddoo dallaan ittiin ol kaʼu sanaan mana Daawit irraan qajeelanii gara Karra Bishaanii kan gama baʼa biiftuutti ol baʼan.
NEH 12:38 Tuunni faarfattootaa lammaffaan immoo gara bitaatti qajeele. Anis gartokkee sabaa wajjin dallaa gubbaadhaan gara Gamoo ol dheeraa Iddoo Ibiddaatii fi Dallaa Balʼaatti isaan duukaa buʼe;
NEH 12:39 akkasumas ani Karra Efreem irraan, karaa Karra Moofaa, karaa Karra Qurxummii, karaa Gamoo ol dheeraa Hanaaniʼeelii fi Karaa Gamoo ol dheeraa Dhibbaatiin hamma Karra Hoolotaatti isaan duukaa nan buʼe. Isaanis Karra Eegdotaa bira gaʼanii dhaabatan.
NEH 12:40 Tuunni faarfattootaa kan galata dhiʼeesse sun lachuu mana Waaqaa keessatti iddoo isaa qabate; anis qondaaltota gartokko wajjin iddoo nan qabadhe;
NEH 12:41 amma illee luboonni jechuunis Eliiyaaqiim, Maʼaseyaan, Miiniyaamiin, Miikaayaan, Eliiyooʼeenayin, Zakkaariyaasii fi Hanaaniyaan malakata isaanii qabatanii
NEH 12:42 Maʼaseyaan, Shemaaʼiyaan, Eleʼaazaar, Ooziin, Yehohaanaaniin, Malkiyaan, Eelaamii fi Eezer iddoo iddoo isaanii qabatan. Faarfattoonni immoo Yizrahiyaadhaan qajeelfamanii faarfatan.
NEH 12:43 Isaanis sababii Waaqni gammachuu guddaa isaaniif kenneef gaafas gammadaa aarsaa guddaa dhiʼeessan. Dubartoonnii fi ijoolleenis ni gammadan. Sagaleen gammachuu Yerusaalem keessaas fagootti dhagaʼame.
NEH 12:44 Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii.
NEH 12:45 Isaanis tajaajila Waaqa isaaniitii fi tajaajila sirna qulqullessuu sana akkuma faarfattoonnii fi eegdonni karraa godhan sana akkuma Daawitii fi ilmi isaa Solomoon ajajanitti raawwatan.
NEH 12:46 Jabana durii bara Daawitii fi Asaaf keessa qajeelchitoota faarfattootaa, kan faarfannaa Waaqa leellisuutii fi kan Waaqa galateeffachuutu tureetii.
NEH 12:47 Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Aroon kophaatti baasan.
NEH 13:1 Guyyaa sana Kitaabni Musee fuuluma sabaa duratti dubbifame; achi keessattis akka namni Amoon yookaan namni Moʼaab tokko yoom iyyuu waldaa Waaqaatti dabalamuu hin qabne barreeffamee argame;
NEH 13:2 isaan akka inni saba Israaʼel abaaruuf Balaʼaamin qaxaratan malee midhaanii fi bishaaniin Israaʼeloota hin simanne. Taʼus Waaqni keenya abaarsa sana eebbatti geeddare.
NEH 13:3 Sabnis seera kana dhageenyaan nama sanyii ormaa hunda Israaʼel keessaa kophaatti baase.
NEH 13:4 Kanaan dura Eliyaashiib lubichi itti gaafatamaa mankuusaalee mana Waaqaa ture. Innis Xoobbiyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture;
NEH 13:5 innis kutaa manaa balʼaa isaan duraan kennaa midhaanii, ixaana miʼa mana qulqullummaa, akkasumas kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi zayitii Lewwotaaf, faarfattootaa fi eegdota karraatiif ajajame harka kudhan keessaa tokkoo fi buusii lubootaaf kennamu itti kuusan tokko Xoobbiyaadhaaf kennee ture.
NEH 13:6 Ani garuu sababii bara Arxeksis mooticha Baabilon keessa waggaa soddomii lammaffaatti gara mootichaa dhaqee tureef yeroo wanni kun hundi taʼetti Yerusaalem keessa hin turre. Anis yeroo gabaabaa booddee isa irraa eeyyama fudhadhee
NEH 13:7 Yerusaalemitti nan deebiʼe. Akka Eliyaashiib oobdii mana Waaqaa keessatti Xoobbiyaadhaaf kutaa tokko kennuun waan hamaa hojjete nan beeke.
NEH 13:8 Anis akka malee aareen miʼa manaa kan Xoobbiyaa hunda kutaa sana keessaa gad nan dadarbadhe.
NEH 13:9 Ani ergasii akka kutaawwan sun qulqulleeffaman nan ajaje; isaanis ni qulqulleessan; ani immoo miʼa mana Waaqaa, kennaa midhaaniitii fi ixaana wajjin deebisee itti galche.
NEH 13:10 Ani akka qoodni Lewwotaaf ramadame sun isaaniif hin kennaminis nan hubadhe; akkasumas akka Lewwonnii fi faarfattoonni tajaajila sanatti itti gaafatamtoota turan hundi gara lafa qotiisaa ofii isaaniitti deebiʼan nan beeke.
NEH 13:11 Kanaafuu ani qondaaltota ifadheen, “Manni Waaqaa maaliif dagatama?” jedheen isaan gaafadhe. Ergasiis ani walitti isaan qabee iddoo isaaniitti isaan nan deebise.
NEH 13:12 Yihuudaan hundi midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka kudhan keessaa tokko fidanii mankuusaaleetti galchan.
NEH 13:13 Anis Shelemiyaa lubicha, Zaadoq barreessichaa fi Lewwicha Phedaayaa jedhamu tokko itti gaafatamtoota mankuusaalee godheen muude; akkasumas sababii isaan amanamoo taʼaniif Haanaan ilma Zakuur, ilma Mataaniyaa sana gargaaraa isaanii nan godhe. Hojiin isaaniis obboloota isaaniitiif nyaata hiruu ture.
NEH 13:14 Yaa Waaqa ko, waan kanaaf jedhii na yaadadhu; hojii gaarii ani mana Waaqa kootii fi tajaajila isaatiif hojjedhes na duraa hin balleessin.
NEH 13:15 Ani bara sana Yihuudaa keessatti namoota guyyaa Sanbataatiin iddoo wayiniin itti cuunfamutti wayinii dhidhiitanii midhaan fidanii, daadhii wayinii, ija wayinii, ija harbuutii fi feʼiisa gosa biraa hunda wajjin harrootatti feʼan nan arge. Isaanis waan kana hunda guyyaa Sanbataatiin Yerusaalemitti fidan. Kanaafuu ani akka isaan guyyaa sana nyaata hin gurgurre isaan nan seere.
NEH 13:16 Namoonni Xiiroos warri Yerusaalem keessa jiraatan qurxummii fi miʼa daldalaa kanneen gosa hundaa itti fidanii guyyaa Sanbataatiin Yerusaalem keessatti warra Yihuudaatti gurguraa turan.
NEH 13:17 Ani immoo akkana jedheen namoota Yihuudaa bebeekamoo nan ifadhe; “Wanni hamaan isin guyyaa Sanbataa xureessuudhaan hojjettan kun maal?
NEH 13:18 Abbootiin keessan iyyuu waanuma kana hojjetanii akkasiin Waaqni badiisa kana hunda nuttii fi magaalaa kanatti fide mitii? Isin amma kunoo Sanbata xureessuudhaan dheekkamsa hammas iyyuu caalu Israaʼelitti fidaa jirtu.”
NEH 13:19 Anis yeroo gaaddisni galgalaa Sanbataan dura karrawwan Yerusaalem irra buʼetti akka balbalawwan cufamanii hamma Sanbanni darbutti hin banamne nan ajaje. Akka feʼiisni tokko illee guyyaa Sanbataatiin ol hin galfamneefis namoota koo tokko tokko karrawwan irra nan dhaabe.
NEH 13:20 Daldaltoonnii fi gurgurtoonni miʼoota gosa hundaa yeroo tokko yookaan yeroo lama Yerusaalemiin ala bulaniiru.
NEH 13:21 Ani garuu, “Isin maaliif dallaa jala bultu? Yoo isin itti deebitanii akkas gootan ani humnaan isinitti nan dhufa” jedheen isaan nan seere. Gaafasii jalqabanii isaan lammata guyyaa Sanbataatiin hin dhufne.
NEH 13:22 Ani akka Lewwonni of qulqulleessanii qulqullummaa guyyaa Sanbataa eeguuf dhaqanii karrawwan eegan nan ajaje. Yaa Waaqa koo waan kanaaf jedhii na yaadadhu; akkuma jaalala kee guddaa sanaattis naa araarami.
NEH 13:23 Kana caalaa iyyuu ani bara sana keessa namoota Yihuudaa kanneen dubartoonni Ashdood, kan Amooniitii fi kan Moʼaab fuudhan nan arge.
NEH 13:24 Ilmaan isaanii keessaa walakkaan afaan Ashdood yookaan afaan saboota biraa dubbatan malee afaan Yihuudaa dubbachuu hin dandeenye.
NEH 13:25 Ani isaan ifadheen isaan nan abaare. Ani namoota tokko tokko rukutee rifeensa isaanii irraa nan bubuqqise. Ani akkana jedheen maqaa Waaqaatiin isaan nan kakachiise: “Isin intallan keessan ilmaan isaaniitti heerumsiisuu yookaan intallan isaanii ilmaan keessan fuusisuu yookaan ofii keessaniis fuudhuu hin qabdan.
NEH 13:26 Solomoon mootichi Israaʼel fuudha akkasiitiin cubbuu hojjete mitii? Saboota baayʼee keessa mootiin akka isaa tokko iyyuu hin turre. Waaqni isa jaallatee Israaʼel hunda irratti mootii isa godhe; taʼus dubartoonni ormaa cubbuu isa hojjechiisan.
NEH 13:27 Nu amma akka isinis dubartoota ormaa fuudhuudhaan waan akka malee hamaa kana hunda hojjettanii Waaqa keenyaaf amanamuu diddan dhagaʼuu qabnaa?”
NEH 13:28 Ilmaan Yooyaadaa ilma Eliyaashiib lubicha ol aanaa sanaa keessaa tokko dhirsa intala Sanbalaax namicha Hooroon ture. Anis of biraa isa nan ariʼe.
NEH 13:29 Yaa Waaqa koo ati isaan yaadadhu; isaan lubummaa, kakuu lubummaatii fi Lewwotaa xureessaniiruutii.
NEH 13:30 Kanaafuu ani waan alaa dhufe hunda irraa lubootaa fi Lewwota qulqulleessee akka tokkoon tokkoon namaa hojii ofii isaa hojjetuuf hojiitti isaan nan ramade.
NEH 13:31 Akkasumas kennaa qoraaniitii fi kennaa mataa midhaanii kan yeroo murtaaʼetti dhiʼeeffamuuf haala nan mijeesse. Yaa Waaqa koo ati arjummaadhaan na yaadadhu.
EST 1:1 Wanni bara mootummaa Ahashweroos keessa taʼe kanaa dha: Ahashweroos kun Hindiidhaa jalqabee hamma Itoophiyaatti kutaalee biyyaa 127 bulchaa ture;
EST 1:2 yeroo sanatti Ahashweroos Mootichi, Suusaa magaalaa guddoo sana keessa teessoo mootummaa isaa irra taaʼee bulchaa ture;
EST 1:3 innis bara mootummaa isaa keessaa waggaa sadaffaatti namoota isaa bebeekamoo fi qondaaltota isaa hundumaaf cidha guddaa tokko qopheesse. Hooggantoonni waraana Faaresii fi Meedee, ilmaan moototaa fi namoonni bebeekamoon kutaa biyyaa achi turan.
EST 1:4 Innis bultii 180 guutuu qabeenya mootummaa isaa guddaa, miidhagummaa fi ulfina jabina isaa gad baasee argisiisaa ture.
EST 1:5 Yeroo guyyoonni kunneen darbanitti mootichi saba gamoo Suusaa keessa jiraatu xinnaa fi guddaa hundaaf oobdii iddoo biqiltuu masaraa mootii keessatti cidha guyyaa torba turu qopheesse.
EST 1:6 Iddoon biqiltuu sunis golgaa quncee talbaa irraa hojjetame adii fi cuquliisa, kirrii adii fi diimaa dhiilgeedhaan qubeelaa meetii kan utubaawwan dhagaa akka cabbiitti hidhame tokko qaba ture. Sireewwan dinkiin kanneen warqee fi meetii irraa hojjetamanis lafa dhagaa diimaadhaan, dhagaa akka cabbiitiin, lula bifa adda addaa qabuu fi dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan miidhagfamee hafame irra ture.
EST 1:7 Dhugaatiinis xoofoo warqeetiin namaaf dhiʼeeffame. Tokkoon tokkoon xoofoo sanaas gosa adda addaa ture; daadhiin wayiniis akkuma arjummaa mootichaatti akka malee baayʼee ture.
EST 1:8 Akka tokkoon tokkoon keessummaa akkuma fedhetti dhuguuf mootichi eeyyamee ture; akka tokkoo tokkoo namaatiif waan inni barbaade dhiʼeessaniifis mootichi warra daadhii wayinii dhiʼeessan hunda ajajee tureetii.
EST 1:9 Waashtiin Mootittiinis masaraa mootummaa Ahashweroos Mootichaa keessatti dubartootaaf cidha qopheessite.
EST 1:10 Guyyaa torbaffaatti Ahashweroos Mootichi yeroo daadhii wayinii dhugee gammadetti xuʼaashiiwwan isa tajaajilan torban jechuunis Mihuumaan, Biztaaʼaa, Harboonaa, Bigtaaʼa, Abaagtaa, Zeetaarinii fi Karkas
EST 1:11 akka isaan Waashtiin mootittii akka isheen namootaa fi qondaaltotatti bareedina ishee argisiiftuuf gonfoo mootummaa isheetti kaaʼanii fuula isaa duratti dhiʼeessan ajaje; isheen akka malee bareedduu turteetii.
EST 1:12 Garuu yeroo ergamoonni sun ergaa mootichaa itti himanitti Waashtiin Mootittiin dhufuu didde. Kana irratti mootichi akka malee dheekkamee aariidhaan gubate.
EST 1:13 Sababii waan seeraatii fi murtii qajeelaa irratti hayyootaan mariʼachuun bartee mootichaa taʼeef inni namoota ogeeyyii waan baraa beekan
EST 1:14 kanneen mootichatti aananiin mariʼate; isaanis Karshenaa, Sheetaar, Adimaataa, Tarshiish, Meres, Marseenaa fi Memuukaa qondaaltota Faaresii fi Meedee torban mootichaan walitti dhiʼeenya qaban kanneen mootummaa sana keessatti iddoo ol aanaa qabanii dha.
EST 1:15 Innis, “Akka seeraatti wanti nu Waashtiin mootittii gochuu qabnu maali? Isheen ajaja Ahashweroos Mootichaa kan xuʼaashiiwwan isheetti geessan sanaaf hin ajajamneetii” jedhee isaan gaafate.
EST 1:16 Memuukaan akkana jedhee fuula mootichaatii fi fuula namoota bebeekamoo duratti deebii kenne; “Waashtiin mootittiin Mooticha qofatti utuu hin taʼin qondaaltota hundattii fi namoota kutaalee biyyaa Ahashweroos Mootichaa hundatti balleessaa hojjette.
EST 1:17 Wanni mootittiin goote kun dubartii hunda biratti beekamee isaan, ‘Ahashweroos Mootichi akka Waashtiin Mootittiin fuula isaa duratti dhiʼeeffamtu ajajee ture; isheen garuu dhaquu didde’ jedhanii dhirsoota isaanii tuffatuutii.
EST 1:18 Guyyuma harʼaa kana iyyuu dubartoonni Faaresii fi Meedee bebeekamoon warri gocha mootittii kana dhagaʼan qondaaltota mootichaa hundaaf waanuma akkasii deebisu. Tuffii fi lola dhuma hin qabnetu uumama.
EST 1:19 “Kanaafuu yoo wanni kun mooticha gammachiise akka Waashtiin lammata fuula Ahashweroos Mootichaa duratti hin dhiʼeeffamneef inni labsii mootummaa haa labsu; labsiin sunis seera Faaresii fi Meedee kan diigamuu hin dandeenye sana keessatti haa barreeffamu. Mootichi amma illee sadarkaa ulfinaa kan isheen mootummaa keessatti qabdu dubartii biraa kan ishee caaltuuf haa kennu.
EST 1:20 Yoos yommuu labsiin mootichaa guutummaa mootummaa isaa keessatti labsamutti dubartoonni hundinuu xinnoo fi guddoon dhirsoota isaaniitiif ulfina kennu.”
EST 1:21 Mootichii fi qondaaltonni isaa gorsa kanatti ni gammadan; kanaafuu mootichi yaada Memuukaan dhiʼeesse sana hojii irra oolche.
EST 1:22 Innis biyyoota mootummaa hundatti, tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiif qubeedhuma isaaniitiin, akkasumas tokkoo tokkoo sabaatiif afaanuma isaaniitiin xalayoota ergee akka dhiirri hundi bulchaa mana ofii isaa taʼu afaan gosa hundaatiin labse.
EST 2:1 Ahashweroos Mootichi erga aariin isaa qabbanaaʼee booddee waan Waashtiin gootee fi labsii inni waaʼee ishee labse ni yaadate.
EST 2:2 Kana irrattis tajaajiltoonni mootichaa akkana jedhanii yaada dhiʼeessan; “Dubarran babbareedoon mootichaaf haa barbaadaman.
EST 2:3 Akka isaan kutaalee biyyaa mootichaa hunda keessaa dubarran babbareedoo hunda gara Suusaa magaalaa guddoo iddoo dubartoonni jiraatanitti fidaniif mootichi itti gaafatamtoota haa muudu; isaanis Heegaayi xuʼaashii mootichaa itti gaafatamaa dubartoota sana jalatti haa ajajaman; dubarran sanaafis kunuunsi miidhaginaa haa godhamu.
EST 2:4 Ergasiis durbi mooticha gammachiiftu iddoo Waashtiin buutee niitii mootii haa taatu.” Gorsi kunis mooticha ni gammachiise; innis akkuma jedhame sana godhe.
EST 2:5 Yeroo sanatti gosa Beniyaam keessaa namichi Yihuudaa ilmi Yaaʼiir, ilmi Shimeʼii, ilmi Qiish kan Mordekaayi jedhamu tokko Suusaa magaalaa muummittii keessa jiraata ture;
EST 2:6 innis warra Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa wajjin Yerusaalemii Nebukadnezar mooticha Baabiloniin boojiʼamanii fudhataman keessaa tokko ture.
EST 2:7 Mordekaayis, durbii Hadasaa jedhamtu kan sababii isheen abbaa fi haadha hin qabneef ofitti fudhate tokko qaba ture. Durbi Asteer jedhamtee beekamtu kun dhaabaa fi bifaan jaallatamtuu turte; yeroo abbaa fi haati ishee duʼanitti Mordekaayi ofitti fudhatee akkuma intala ofii isaatti guddifate.
EST 2:8 Yeroo ajajnii fi labsiin mootichaa dhagaʼametti dubarran hedduun gara Suusaa magaalaa gudditiitti fidamanii harka Hegeetti kennaman. Asteeris gara masaraa mootichaatti geeffamtee Heegaayi itti gaafatamaa dubartootaa sanatti imaanaa kennamte.
EST 2:9 Durbi sunis isa gammachiiftee fuula isaa duratti fudhatama argatte. Innis yommusuma dibata miidhagina isheetiif taʼuu fi nyaata addaa kenneef. Dubartoota ishee tajaajilan kanneen masaraa mootichaa keessaa filataman torbas isheedhaaf ramade; ishee fi tajaajiltoota ishee sana gara mana dubartootaa kan mana hunda caalaa filatamaa taʼeetti geesse.
EST 2:10 Waan Mordekaayi akka isheen hin himne ishee dhowweef Asteer saba isheetii fi maalummaa maatii ishee hin himne.
EST 2:11 Mordekaayis haala Asteer keessa jirtuu fi waan ishee irra gaʼe beekuudhaaf guyyuma guyyaadhaan fuula oobdii mana dubartootaa dura jiru sana irra deddeebiʼaa ture.
EST 2:12 Durbi tokko utuu dabareen isheen itti fuula Ahashweroos Mootichaa duratti dhiʼeeffamtu hin gaʼin dura akkuma seera dubartootaaf kaaʼame sanaatti kunuunsa miidhaginaa kan jiʼa kudha lamaa fixuu qabdi ture; isheenis jiʼa jaʼa zayitii qumbiitiin, jiʼa jaʼa immoo shittoo fi dibata garaa garaatiin miidhagfamuu qabdi ture.
EST 2:13 Haalli itti durbi tokko mooticha bira dhaqxu akkana ture: Wanni isheen mana dubartootaatii fudhattee gara masaraa mootichaa dhaquu feetu kam iyyuu ni kennamaaf ture.
EST 2:14 Isheenis galgala achi dhaqxee ganama immoo gara kutaa mana dubartootaa kan harka Shaʼasgaazi xuʼaashii itti gaafatamaa saajjatoowwan sana jala jiru kaaniitti deebiti turte; yoo mootichi itti gammadee maqaadhaan waame malee isheen gara mootichaatti hin deebitu turte.
EST 2:15 Yommuu dabareen Asteer intalli Abiihaayil obboleessa abbaa Mordekaayi kan Mordekaayi akkuma intala ofii isaatti guddifate sun itti mooticha bira dhaqxu gaʼetti isheen waan Heegaayi xuʼaashiin mootichaa inni itti gaafatamaa mana dubartootaa ture sun gorse malee waan tokko illee hin gaafanne. Asteeris fuula nama ishee argu hundaa duratti fudhatama argatte.
EST 2:16 Isheenis bara mootichaa keessa waggaa torbaffaa jiʼa kurnaffaa Teebeeti jedhamu keessa gara mana jireenyaa Ahashweroos Mootichaatti dhiʼeeffamte.
EST 2:17 Mootichis dubartoota kaan hunda caalaa Asteerin jaallate; isheenis dubarran qulqulluu kaan hunda caalaa fuula isaa duratti surraa fi fudhatama argatte. Kanaafuu inni gonfoo mootummaa mataa ishee irra kaaʼeefii qooda Waashtiin ishee mootittii taasise.
EST 2:18 Ergasiis mootichi ulfina Asteeriitiif jedhee qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaatiif cidha guddaa qopheesse. Innis ayyaana kana guutummaa kutaalee biyyaa keessatti labse; akkuma arjooma mootiitti kennaas kenne.
EST 2:19 Yommuu dubarran qulqulloonni sun yeroo lammaffaa walitti qabamanitti Mordekaayi karra mootichaa dura taaʼaa ture.
EST 2:20 Asteer garuu akkuma Mordekaayi ishee gorse sanatti maalummaa maatii isheetii fi saba ishee hin himne; Asteer akkuma yeroo inni ishee guddise sanaatti ajaja Mordekaayi eegaa turteetii.
EST 2:21 Yeroo Mordekaayi karra mootichaa dura taaʼaa turetti qondaaltonni mootichaa warri balbala eegaa turan lamaan jechuunis Bigtaanaa fi Tereshi aaranii Ahashweroos Mooticha ajeessuuf malatan.
EST 2:22 Mordekaayi garuu waaʼee mala kanaa beekee Asteer Mootittiitti hime; Asteer immoo maqaa Mordekaayiin waan kana mootichatti himte.
EST 2:23 Yeroo wanni sun qoratamee dhugaa taʼee argametti qondaaltonni sun lamaanuu muka irratti fannifaman. Wanni kun hundinuu fuula mootichaa duratti kitaaba seenaa keessatti barreeffame.
EST 3:1 Waan kanneen booddee Ahashweroos Mootichi Haamaan ilma Hamedaataa namicha biyya Agaag ol ol qabuudhaan teessoo qondaaltota kaanii hunda caalu kenneefii isa kabaje.
EST 3:2 Qondaaltonni mootichaa warri karra eegan hundi jilbeenfatanii Haamaaniif ulfina kennan; mootichi waaʼee isaa waan kana ajajee tureetii. Mordekaayi garuu hin jilbeenfanne yookaan ulfina isaaf hin kennine.
EST 3:3 Qondaaltonni mootichaa warri karra mootichaa dura turan, “Ati maaliif ajaja mootichaa eeguu didda?” jedhanii Mordekaayiin gaafatan.
EST 3:4 Isaan guyyuma guyyaadhaan isatti himaa turan; inni garuu isaan dhagaʼuu dide. Kanaafuu isaan sababii Mordekaayi akka nama gosa Yihuudaa taʼe isaanitti hime tureef dubbiin isaa kun akka maal taʼuu qabu beekuudhaaf waan kana Haamaanitti himan.
EST 3:5 Haamaan akka Mordekaayi isaaf hin jilbeenfatin yookaan ulfina hin kenniniif arginaan akka malee aare.
EST 3:6 Haamaanis eenyummaa saba Mordekaayi beeknaan Mordekaayiin qofa ajjeesuu ni tuffate. Qooda kanaa Haamaan saba Mordekaayi hunda jechuunis Yihuudoota mootummaa Ahashweroos guutuu keessa jiraatan fixuuf karaa barbaadaa ture.
EST 3:7 Isaanis waggaa kudha lammaffaa bara Ahashweroos Mootichaa keessa jiʼa jalqabaa jiʼa Niisaan jedhamu keessa guyyaa fi jiʼa filachuudhaaf fuula Haamaan duratti Fuur jechuunis ixaa buusan. Ixaan sun jiʼa kudha lammaffaa jechuunis jiʼa Adaar irra buʼe.
EST 3:8 Haamaanis Ahashweroos Mootichaan akkana jedhe; “Uummanni tokko saba kutaalee biyyaa mootummaa keetii keessa jiran hunda gidduu faffacaʼeera; duudhaan uummata kanaa duudhaa saba kaanii hundaan adda; isaan seera mootichaa hin kabajan; kanaafuu mootichi uummata kanaaf obsa qabaachuun hin malu.
EST 3:9 Yoo wanni kun mooticha gammachiise saba kana balleessuudhaaf labsiin tokko haa baʼu; anis warra waan kana hojjetaniif meetii taalaantii kuma kudhan mankuusa qabeenya mootichaatti nan galcha.”
EST 3:10 Kanaafuu mootichi qubeelaa chaappaa isaa quba ofii irraa baasee Haamaan ilma Hamedaataa namicha biyya Agaag, diina Yihuudootaa sanatti kenne.
EST 3:11 Mootichis Haamaaniin, “Maallaqnis, sabni sunis sitti kennameeraatii akkuma feete godhi” jedhe.
EST 3:12 Guyyaa kudha sadaffaa jiʼa jalqabaatti barreessitoonni mootichaa walitti waamaman. Isaanis waan Haamaan ajaje sana hunda arfii tokkoo tokkoo kutaa biyyaatiin, afaan saba hundaatiinis gara biyya bulchitoota mootichaatti, bulchitoota tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatii fi gara gurguddoota saba adda addaatti barreessan. Wanni kunis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin barreeffamee, qubeelaa chaappaa isaatiin mallatteeffame.
EST 3:13 Xalayoonni akka Yihuudoonni hundi dargaggoonnii fi maanguddoonni, dubartoonnii fi ijoolleen xixinnoon guyyuma tokkotti jechuunis guyyaa kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaatti, jiʼa Adaar jedhamu keessa ajjeefaman, akka barbadeeffamanii fi lafa irraa balleeffaman, akka qabeenyi isaaniis saamamu gara kutaalee biyya mootichaa hundaatti ajajaan ergamootaan ergaman.
EST 3:14 Akka sabni hundi beekee guyyaa sanaaf qophaaʼuufis garagalchi barreeffama sanaas akka seeraatti kutaalee biyyaa hunda keessatti saba hundatti labsamuu qaba ture.
EST 3:15 Ergamoonni sun ajaja mootichaatiin ariitiidhaan deeman; labsiin sunis Suusaa magaalaa guddittii keessatti labsame. Mootichi fi Haamaan waa dhuguudhaaf taaʼan; magaalaan Suusaa garuu ni jeeqamte.
EST 4:1 Mordekaayi yeroo waan hojjetame sana hunda beeketti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee, daaraa ofitti firfirsee, sagalee guddaadhaan wawwaachaa hiqqifatees booʼaa gara walakkaa magaalaatti gad baʼe.
EST 4:2 Inni garuu sababii namni uffata gaddaa uffate tokko iyyuu akka ol seenu hin eeyyamamneef hamma karra mootichaa qofatti deeme.
EST 4:3 Kutaalee biyyaa hunda iddoo ajajnii fi labsiin mootichaa gaʼetti gaddi guddaan, soomni booʼichii fi wawwaannaan Yihuudoota gidduu ture; baayʼeen isaanii uffata gaddaa uffatanii daaraa keessa ciisan.
EST 4:4 Yeroo dubartoonni tajaajiltoonni Asteerii fi xuʼaashiiwwan dhufanii waaʼee Mordekaayi isheetti himanitti Asteer akka malee gaddite. Isheenis qooda uffata gaddaa wayyaa inni uffatu ergiteef; inni garuu isaan harkaa fudhachuu dide.
EST 4:5 Kana irratti Asteer xuʼaashiiwwan mootichaa keessaa Hataak isa ishee tajaajiluuf ramadame sana waamtee akka inni Mordekaayi bira deemee, rakkoo uumamee fi rakkoon sun maaliif akka uumame beekuuf ajajje.
EST 4:6 Kanaafuu Hataak gara oobdii magaalattii kan karra mootichaa duraa sanaatti Mordekaayiitti baʼe.
EST 4:7 Mordekaayi waan isa irra gaʼe hunda, maallaqa Haamaan Yihuudoota balleessuudhaaf mankuusa qabeenya mootichaatti galchuuf waadaa gale isatti hima.
EST 4:8 Akkasumas Mordekaayi akka inni Asteeritti argisiisee isheedhaaf ibsuuf garagalcha barreeffama labsii kan isaan balleessuudhaaf Suusaa keessatti labsame sana isatti kenne; akka inni akka isheen mooticha bira dhaqxee itti boossee saba isheetiif araara kadhattu itti himuufis isa ajaje.
EST 4:9 Hataak deebiʼee waan Mordekaayi jedhe Asteeritti hime.
EST 4:10 Asteer immoo akka inni akkana jedhee Mordekaayiitti himu isa ajajje;
EST 4:11 “Qondaaltonni mootichaa hundii fi sabni kutaalee biyyaa mootichaa akka mootichi yoo namni kam iyyuu dhiiras taʼu dubartiin utuu hin waamamin kutaa manaa isa gara keessaa ol seenee fuula mootichaa duratti dhiʼaate akka mootichi seera tokko qofa qabu jechuunis akka ajjeefamu ni beeku. Namni tokko yoo mootichi bokkuu mootummaa kan warqee sana diriirseef qofa ajjeefamuu oola. Ani mataan koo iyyuu guyyoota soddomman kana keessaa akkan fuula mootichaa duratti dhiʼaadhuuf waamamee hin beeku.”
EST 4:12 Yommuu dubbiin Asteer Mordekaayiitti himametti,
EST 4:13 inni akkana jedhee deebii kana erge: “Ati sababii mana mootichaa keessa jirtuuf Yihuudoota hunda keessaa waan ati qofti baraaramtu hin seʼin.
EST 4:14 Yoo ati yeroo kanatti calʼifte gargaarsaa fi furamni Yihuudootaa iddoo biraatii ni dhufa; atii fi manni abbaa keetii garuu ni baddu. Maaltu beeka? Ati taayitaa mootummaa qabachuun kee yeroo akkanaatiif taʼaatii.”
EST 4:15 Kana irratti Asteer akkana jettee deebii kana Mordekaayiitti ergite:
EST 4:16 “Dhaqiitii Yihuudoota Suusaa keessa jiran hunda walitti qabiitii naa soomaa. Bultii sadii, guyyaa yookaan halkan illee homaa hin nyaatinaa yookaan homaa hin dhuginaa. Anii fi dubartoonni tajaajiltoonni koo iyyuu akkuma keessan ni soomna. Yoo akkas taʼe wanni kun seeraan ala taʼu illee ani gara mootichaa nan dhaqa. Ani yoon bades nan bada.”
EST 4:17 Kanaafuu Mordekaayi deemee waan Asteer isa ajajje hunda hojii irra oolche.
EST 5:1 Guyyaa sadaffaatti Asteer uffata ishee kan mootummaa uffatee dhaqxee oobdii masaraa mootichaa kan gara keessaa irra fuula galma mootichaa dura dhaabatte. Mootichi immoo galma sana keessa gara balbalaatti garagalee teessoo mootummaa isaa irra taaʼee ture.
EST 5:2 Mootichis utuu Asteer Mootittiin oobdii keessa dhaabachaa jirtuu argee isheetti gammadee bokkuu warqee kan harkatti qabatee ture sana isheef diriirse. Kanaafuu Asteer itti dhiʼaattee fiixee bokkuu sanaa tuqxe.
EST 5:3 Mootichi, “Yaa Asteer Mootittii maal siif godhu? Maal barbaadda? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif ni kennama” jedheen.
EST 5:4 Asteeris, “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, mootichi gara cidha ani isaaf qopheesse sanaa Haamaan wajjin harʼa haa dhufu” jettee deebifteef.
EST 5:5 Mootichis, “Akka waan Asteer jette sana goonuuf dafaatii Hamaa fidaa” jedhe. Kanaafuu mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer qopheessite sanaa dhaqan.
EST 5:6 Utuma daadhii wayinii dhuganuu mootichi amma illee akkana jedhee Asteerin gaafate; “Mee wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif kennama.”
EST 5:7 Asteeris akkana jettee deebifteef; “Wanni ani kadhadhuu fi gaaffiin koo kanaa dha:
EST 5:8 Yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee mootichis kadhannaa koo fudhatee waan ani isa gaafadhe naaf guutuun isa gammachiise, mootichii fi Haamaan cidha ani isaaniif qopheessu irratti bor haa argaman. Ani ergasii gaaffii mootichaa nan deebisa.”
EST 5:9 Gaafas Haamaan gammadee itti tolee gad baʼe. Inni garuu karra mootichaa duratti Mordekaayiin argee yommuu akka inni isaaf hin kaʼin yookaan isa hin sodaatin hubatetti Mordekaayiitti akka malee aare.
EST 5:10 Taʼu illee Haamaan of qabee mana isaatti gale. Ergasiis michoota isaatii fi niitii isaa Zeresh walitti qabe;
EST 5:11 Haamaanis qabeenya isaa guddaa sanaan, ilmaan isaa hedduu sanaan akkasumas ulfina mootichi isaaf kenne hundaa fi akkaataa itti mootichi qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaa kaanii olitti isa guddiseen isaanitti of jaje.
EST 5:12 Haamaan itti fufee akkana jedhe; “Kana qofa miti; namni Asteer Mootittiin akka mooticha wajjin gara cidha qopheessite sanaa dhufu waamte anuma qofa. Boris akkasuma mooticha wajjin na affeerteerti.
EST 5:13 Taʼus wanni kun hundinuu utuu ani Mordekaayi Yihuudicha isaa karra mootichaa dura taaʼu arguu na hin gammachiisu.”
EST 5:14 Niitiin isaa Zeresh fi michoonni isaa hundinuu, “Muka itti nama fannisan kan dhundhuma shantama ol dheeratu dhaabiitii akka Mordekaayi bor ganama irratti fannifamu mooticha gaafadhu. Ergasiis mooticha wajjin gara cidha sanaa dhaqii gammadi” jedhaniin. Yaadni kun Haamaanin gammachiise; innis muka sana dhaabe.
EST 6:1 Halkan sana mootichi rafuu hin dandeenye; kanaafuu inni akka isaan kitaaba seenaa kan waaʼee mootummaa isaa barreeffame isaaf dubbisan ni ajaje.
EST 6:2 Kitaaba sana keessattis Mordekaayi akka Bigtaanaa fi Tereshi xuʼaashiiwwan balbala eegan kanneen Ahashweroos Mooticha ajjeesuuf mariʼatan sana lamaan saaxilee ture barreeffamee argame.
EST 6:3 Mootichis, “Yoos Mordekaayi sababii waan kanaatiif ulfina yookaan kabaja maalii argate ree?” jedhee gaafate. Tajaajiltoonni isaa immoo, “Wanni tokko iyyuu hin godhamneef” jedhanii deebisan.
EST 6:4 Mootichis, “Eenyutu oobdii kana keessa jira?” jedhee gaafate. Yeroo sana Haamaan waaʼee Mordekaayiin muka dhaabe sana irratti fannisuu mootichatti himuuf jedhee oobdii masaraa mootummaa isa gara alaa seenee ture.
EST 6:5 Tajaajiltoonni mootichaa, “Haamaanitu oobdii keessa dhaabatee jira” jedhanii deebisan. Mootichis, “Isa ol galchaa” jedhee ajaje.
EST 6:6 Mootichis yeroo Haamaan ol galetti, “Nama mootichi kabajuu barbaaduuf maaltu godhamuufii qaba?” jedhee isa gaafate. Haamaanis, “Namni mootichi na caalchisee kabaju eenyu?” jedhee ofi keessatti yaade.
EST 6:7 Kanaafuu Haamaan akkana jedhee mootichaaf deebise; “Nama mootichi kabajuu jaallatuuf,
EST 6:8 uffata mootummaa kan mootichi uffatuu fi farda mootummaa kan mootichi yaabbatu haa fidan; fardi gonfoon mootii mataatti kaaʼameef haa dhufuuf.
EST 6:9 Ergasii uffannii fi fardi sun qondaaltota mootichaa kanneen qondaaltota hunda caalaa beekamoo taʼan keessaa isa tokkotti imaanaan haa kennamuuf; isaan immoo nama mootichi ulfina kennuufii barbaadu sanatti uffata sana haa uffisan; farda yaabbachiisaniis, ‘Wanni nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf godhamu kana!’ jedhanii labsaa daandiiwwan magaalattii irra fuula isaa dura haa deeman.”
EST 6:10 Mootichis akkana jedhee Haamaanin ajaje; “Dafii dhaqii uffataa fi farda sana fuudhiitii akkuma jette sana Mordekaayi Yihuudicha karra mootii dura taaʼu sanaaf godhi. Waan jette sana keessaa tokko illee hin hambisin.”
EST 6:11 Kanaafuu Haamaan dhaqee uffataa fi farda sana fuudhe. Innis uffata sana Mordekaayiitti uffisee fardas yaabbachiisee, “Wanni nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf godhamu kanaa dha!” jedhee labsaa daandii magaalaa irra fuula isaa dura deeme.
EST 6:12 Ergasii Mordekaayi gara karra mootichaatti deebiʼe. Haamaan garuu gaddaan mataa haguuggatee ariitiidhaan manatti gale;
EST 6:13 waan isa irra gaʼe hundas niitii isaa Zeresh fi michoota isaa hundatti hime. Gorsitoonni isaatii fi niitiin isaa Zosaaraan, “Sababii Mordekaayi inni kufaatiin kee fuula isaa duratti jalqabe sun sanyii Yihuudaa taʼeef ati isaan mormuu hin dandeessu; ati dhugumaan ni badda!” jedhaniin.
EST 6:14 Utuma isaan isa wajjin dubbachaa jiranuu xuʼaashiiwwan mootichaa dhufanii gara cidha Asteer qopheessitee turte sanaatti Haamaan ariifachiisan.
EST 7:1 Mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer Mootittiin qopheessite sanaa dhaqan;
EST 7:2 utuma guyyaa lammaffaa sanatti daadhii wayinii dhugaa jiranuu, mootichi akkana jedhee gaafate; “Yaa Asteer Mootittii wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maal? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan wanni ati gaafattu siif kennama.”
EST 7:3 Asteer Mootittiin akkana jettee deebifte; “Yaa mooticha, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, yoo wanni kunis mooticha gammachiise, lubbuu koo naaf oolchi; kadhaan koo kanuma. Saba koo illee naaf baraar; gaaffiin koos kanuma.
EST 7:4 Anii fi sabni koo ajjeefamuutti, barbadeeffamuu fi lafa irraa balleeffamuutti gurguramneerraatii. Nu utuu dhiiraa fi dubartiin garbummaa qofatti gurguramne taʼee, ani silaa nan calʼisan ture; rakkinni akkasii mooticha jeequuf sababii gaʼaa mitiitii.”
EST 7:5 Ahashweroos Mootichis, “Inni eenyuu? Namni waan akkasii gochuuf ija jabaate sun eessa jira?” jedhee Asteer Mootittii gaafate.
EST 7:6 Asteer immoo, “Amajaajii fi diinni sun Haamaan namichuma jalʼaa kanaa dha” jette. Kana irratti Hamaan fuula mootichaatii fi mootittii duratti akka malee rifate.
EST 7:7 Mootichis aaree kaʼee daadhii wayinii isaa dhiisee gad baʼee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa seene. Haamaan garuu akka mootichi isa balleessuudhaaf kutate beekkatee lubbuu ofii oolfachuudhaaf Asteer Mootittii kadhachuudhaaf duubatti hafe.
EST 7:8 Yeroo mootichi iddoo biqiltuu masaraa mootummaatii gara galma cidhaatti deebiʼetti Haamaan siree Asteer itti irkattee turte irratti gombifamee ture. Mootichis, “Inni inumaa iyyuu manuma koo keessatti utuma isheen na wajjin jirtuu ishee qabataa?” jedhee dubbate. Akkuma dubbiin kun afaan mootichaatii baʼeen isaan fuula Haamaan haguugan.
EST 7:9 Ergasiis xuʼaashiiwwan mooticha tajaajilan keessaa Harboonaan akkana jedhe; “Mukni dhundhuma shantama ol dheeratu tokko mana Haamaa bira dhaabameera. Muka kanas Haamaanitu Mordekaayi isa mooticha gargaaruudhaaf dubbate sana itti fannisuudhaaf dhaabe.” Mootichis, “Achi irratti isa fannisaa!” jedhe.
EST 7:10 Kanaafuu isaan muka inni Mordekaayiif qopheesse sana irratti Haamaanin fannisan. Ergasiis aariin mootichaa ni qabbanaaʼe.
EST 8:1 Gaafuma sana Ahashweroos Mootichi qabeenya Haamaan isa diina Yihuudootaa ture sanaa Asteer Mootittiif kenne. Asteer akka inni fira ishee taʼe waan mootichatti himtee turteef Mordekaayi fuula mootichaa duratti dhiʼaate.
EST 8:2 Mootichis qubeelaa chaappaa isaa kan Haamaan irraa deebisee fudhate sana ofi irraa baasee Mordekaayiif kenne. Asteeris qabeenya Haamaan irratti Mordekaayiin muudde.
EST 8:3 Asteer miilla isaa irratti kuftee booʼaa ammas mooticha kadhatte. Isheenis akka inni karoora jalʼaa kan Haamaan namichi biyya Agaag sun Yihuudootatti baase sana fashaleessuuf isa kadhatte.
EST 8:4 Mootichis bokkuu warqee Asteeriif diriirsinaan isheen kaatee fuula isaa dura dhaabatte.
EST 8:5 Isheen akkana jette; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee jiraadhe, yoo wanni kun qajeelaa isatti fakkaatee fi yoo inni natti gammade, xalayaa Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag sun Yihuudoota kutaalee biyyaa mootichaa hunda keessa jiraatan balleessuudhaaf barreesse sana fashaleessuuf ajajni haa barreeffamu.
EST 8:6 Ani utuun balaa saba koo irra gaʼu arguu akkamittin obsuu dandaʼa? Akkamittis badiisa maatii koo argee obsuu dandaʼa?”
EST 8:7 Ahashweroos Mootichis akkana jedhee Asteer Mootittii fi Mordekaayi Yihuudichaaf deebii kenne; “Sababii Haamaan Yihuudoota miidheef ani qabeenya isaa Asteeriif kenneera; isaanis muka irratti isa fannisaniiru.
EST 8:8 Sababii labsiin maqaa mootichaatiin barreeffamee chaappaan qubeelaa mootichaa itti godhame diigamuu hin dandeenyeef isin akkuma jaallattanitti waan Yihuudoota ilaalu maqaa mootichaatiin barreessaatii chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappessaa.”
EST 8:9 Barreessitoonni mootichaas yommusuma bultii digdamii sadaffaa jiʼa sadaffaatti jiʼa Siiwaan jedhamu keessa walitti waamaman. Isaanis ajaja Mordekaayi hunda gara Yihuudoota, ergamoota, bulchitootaa fi namoota bebeekamoo kutaalee biyyaa 127 kanneen biyya Hindiitii hamma Itoophiyaatti jiraatanitti barreessanii ergan. Ajajni kunis arfii tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiin, afaan tokkoo tokkoo sabaatiin akkasumas Yihuudootatti arfii fi afaanuma ofii isaaniitiin barreeffame.
EST 8:10 Mordekaayis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin xalayoota barreessee chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappesse; xalayoota sanas abbootii fardaa kanneen fardeen mootichaaf leenjifaman keessaa collee taʼan yaabbatanitti erge.
EST 8:11 Labsiin mootichaa akka Yihuudoonni magaalaawwan hunda keessa jiraatan walitti qabaman, akka of eeganii fi akka isaan humna waraana saba kamii iyyuu yookaan biyya kamii iyyuu kan isaan, dubartoota isaaniitii fi ijoollee isaanii miidhu akka ajjeesan, akka barbadeessanii fi lafa irraa balleessan akkasumas akka qabeenya diinota isaanii saaman mirga kenneef.
EST 8:12 Guyyaan akka Yihuudoonni kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti waan kana godhan murtaaʼeefis bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaa, jiʼa Adaar jedhamu keessa ture.
EST 8:13 Garagalchi labsii sanaas kutaalee biyyaa hunda keessatti akka seeraatti raabsamee sabni hundi beekuu qaba ture; kunis akka Yihuudoonnis diinota isaanii haaloo baʼuuf gaafasitti qophaaʼaniif.
EST 8:14 Ergamoonni fardeen mootichaa yaabbatan sunis ajaja mootichaatiin ariifatanii gulufaa deeman. Labsiin sunis gamoo Suusaa keessatti labsame.
EST 8:15 Mordekaayis uffata mootii kan bifa cuquliisaatii fi adii uffatee, gonfoo warqee guddaa isaa kaaʼatee wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame dhiilgee irraan uffatee fuula mootichaa duraa baʼe. Magaalaan Suusaas gammaddee ililchite.
EST 8:16 Yeroon sun Yihuudootaaf ifa, gammachuu, ilillee fi yeroo ulfinaa ture.
EST 8:17 Kutaalee biyyaatii fi magaalaawwan hunda keessatti, lafa labsiin mootichaa gaʼe hundatti Yihuudoonni ilillee fi gammachuudhaan, nyaataa fi dhugaatiidhaan ni ayyaaneffatan. Namoonni gosa kaanii hedduun sababii Yihuudoota sodaataniif Yihuudoota taʼan.
EST 9:1 Bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaatti, jiʼa Adaar keessa labsiin mootichi ajaje sun hojii irra ooluu qaba ture. Guyyaa kanatti diinonni Yihuudootaa isaan moʼachuu abdatanii turan; amma garuu dubbiin garagalee Yihuudoonni warra isaan jibban sana irratti ol aantummaa argatan.
EST 9:2 Yihuudoonnis warra badiisa isaanii hawwaa turan sana balleessuudhaaf magaalaawwan ofii isaanii kanneen kutaa biyyaa Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti argamanitti walitti qabaman. Sababii namoonni saba kaanii hundinuu Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye.
EST 9:3 Namoonni bebeekamoon kutaalee biyyaa hundi, ergamoonni, bulchitoonnii fi qondaaltonni mootichaa sababii Mordekaayiin sodaataniif Yihuudoota gargaaran.
EST 9:4 Mordekaayi masaraa mootummaa keessatti beekamaa ture; waaʼeen isaa kutaalee biyyaa guutuu gaʼe; innis akka malee jabaachaa deeme.
EST 9:5 Yihuudoonni diinota isaanii hunda goraadeedhaan cicciranii ajjeesuudhaan barbadeessanii warra isaan jibbanis akkuma barbaadan godhan.
EST 9:6 Gamoo Suusaa keessattis Yihuudoonni nama dhibba shan qalanii fixan.
EST 9:7 Amma illee Paarshandaataa, Dalfoon, Asfaataa,
EST 9:8 Phooraataa, Adaliyaa, Ariidaataa,
EST 9:9 Paarmaashitaa, Ariisayi, Ariidayii fi Wayizaataa ajjeesan;
EST 9:10 isaan kunneen ilmaan Haamaan ilma Hamedaataa namicha diina Yihuudootaa ture sanaa kurnanii dha. Yihuudoonni garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
EST 9:11 Baayʼinni namoota gamoo Suusaa keessatti ajjeefamaniis guyyuma sana mootichatti himame.
EST 9:12 Mootichis Asteer Mootittiidhaan akkana jedhe; “Yihuudoonni namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaan kurnan gamoo Suusaa keessatti ajjeesanii balleessaniiru. Kutaalee biyyaa mootichaa kanneen hafan keessatti maal godhan laata? Amma wanni ati kadhattu maali? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Wanni sunis siif guutama.”
EST 9:13 Asteeris akkana jettee deebifte; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise akka Yihuudoonni Suusaa keessa jiran labsii harʼaa kana bori illee hojii irra oolchaniif eeyyama kennaniif; ilmaan Haamaan kurnanis muka irratti haa fannifaman.”
EST 9:14 Kanaafuu mootichi akka wanni kun raawwatamu ajaje. Labsiin tokko Suusaa keessatti labsame; isaanis ilmaan Haamaan kurnan fannisan.
EST 9:15 Yihuudoonni Suusaa keessa jiraatan bultii kudha afuraffaa jiʼa Adaaritti walitti qabamanii nama dhibba sadii Suusaa keessatti fixan; garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
EST 9:16 Yeroo kanatti Yihuudoonni kutaalee biyya mootichaa keessatti hafan kaanis mataa isaanii eeguu fi diinota isaanii irraa boqochuuf jedhanii walitti qabaman. Isaanis jara keessaa nama kuma torbaatamii shan fixan; garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
EST 9:17 Wanni kunis bultii kudha sadaffaa jiʼa Adaar keessa taʼe; guyyaa kudha afuraffaatti immoo boqotanii guyyaa sana guyyaa cidhaa fi gammachuu godhatan.
EST 9:18 Taʼus Yihuudoonni Suusaa keessa jiraatan guyyaa kudha sadaffaa fi kudha afuraffaatti walitti qabaman; ergasii immoo guyyaa kudha shanaffaatti boqotanii guyyaa sana guyyaa cidhaa fi gammachuu godhatan.
EST 9:19 Sababiin Yihuudoonni baadiyyaa kanneen gandoota keessa jiraatan guyyaa kudha afuraffaa jiʼa Adaar akka guyyaa cidhaa fi gammachuutti, akka guyyaa itti kennaa waliif kennaniittis ayyaaneffataniif kanuma.
EST 9:20 Mordekaayis wantoota kanneen galmeessee Yihuudoota kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa keessa dhiʼoo fi fagoo jiraatan hundatti xalayoota erge;
EST 9:21 kunis akka isaan waggaa waggaadhaan guyyaa kudha afuraffaa fi kudha shanaffaa jiʼa Adaar
EST 9:22 akkuma yeroo itti Yihuudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa argataniittii fi akka jiʼa itti gaddi isaanii gara gammachuutti, booʼichi isaanii immoo gara kolfaatti geeddarameetti ayyaaneffataniif. Innis akka isaan guyyoota sana akka guyyoota cidhaa fi gammachuutti, akka guyyoota itti nyaata waliif kennanii hiyyeeyyiifis kennaa kennaniitti ayyaaneffatanitti isaaniif barreesse.
EST 9:23 Akkasiin Yihuudoonni akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti ayyaana ayyaaneffachuu jalqaban sana itti fufuuf walii galan.
EST 9:24 Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag diinni Yihuudoota hundaa sun Yihuudoota balleessuudhaaf isaanitti yaadee akka isaan badanii fi barbadeeffamaniif ixaa Fuur jedhamu buusee tureetii.
EST 9:25 Yeroo yaadni sun gurra mootichaa buʼetti mootichi akka yaadni jalʼaan kan Hamaan Yihuudootatti yaade sun matuma isaatti deebiʼee innii fi ilmaan isaa muka irratti fannifamaniif barreeffamaan ajaja dabarse.
EST 9:26 Kanaafuu guyyoonni sun jecha Fuur jedhamu irraa Furiim jedhamanii moggaafaman. Sababii waan xalayaa kana keessatti barreeffame hundaatii fi sababii waan arganiitii fi waan isaan irra gaʼee tureetiif,
EST 9:27 Yihuudoonni akka guyyoonni lamaan kunneen akkuma barreeffamettii fi yeroo murteeffametti utuu addaan hin citin waggaa waggaadhaan ayyaaneffamaniif bartee ofii isaanii, kan sanyiiwwan isaaniitii fi warra isaanitti dabalaman hundaa godhanii dhaabbatan.
EST 9:28 Guyyoonni kunneen dhaloota hunda keessatti, maatii hundaan, kutaalee biyyaa hundaa fi magaalaa hunda keessatti yaadatamuu fi kabajamuu qabu; guyyoonni Furiim kunneen Yihuudootaan kabajamuunis hafuu hin qabu; yaadannoon guyyoota kanneeniis sanyii isaanii keessaa baduu hin qabu.
EST 9:29 Kanaafuu Asteer Mootittiin intalli Abiihaayil sun Mordekaayi Yihuudicha wajjin taʼanii xalayaa lammaffaa waaʼee Furiim dubbatu kana mirkaneessuudhaaf aangoo guutuudhaan barreessan.
EST 9:30 Mordekaayis Yihuudoota kutaalee biyyaa 127 kanneen mootummaa Ahashweroos keessa jiraatan hundatti dubbii hawwii nagaatii fi qabbanaa barreessee erge.
EST 9:31 Kunis akka guyyoonni Furiim kunneen akkuma Mordekaayi Yihuudichii fi Asteer Mootittiin isaaniif labsanitti, akkuma isaanis ofii isaaniitii fi sanyiiwwan isaaniitiif waaʼee soomaatii fi yeroo booʼicha isaanii ilaalchisee dhaabbatanitti yeroo murtaaʼetti ayyaaneffamuuf.
EST 9:32 Labsiin Asteeris seera waaʼee Furiim kana mirkaneesse; wanni kunis galmee keessatti barreeffame.
EST 10:1 Ahashweroos Mootichi hamma qarqara galaanaatti bulchiinsa isaa guutuu irratti gibira buuse.
EST 10:2 Hojiin humnaa fi jabina isaa hundinuu, seenaa guddina Mordekaayi kan mootichi itti ol isa guddise guutuu wajjin kitaaba seenaa mootota Meedee fi Faares keessatti barreeffameera mitii?
EST 10:3 Mordekaayi Yihuudichi sadarkaadhaan nama Ahashweroos Mootichatti aanu ture; inni sababii uummata isaatiif waan gaarii hojjetee fi sababii nageenya Yihuudoota hundaatiif falmeef obboloota isaa Yihuudoota hedduu biratti ulfina guddaa qaba ture.
JOB 1:1 Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Iyyoob jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture.
JOB 1:2 Innis ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture;
JOB 1:3 akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture.
JOB 1:4 Ilmaan isaas mana isaaniitti dabaree dabareedhaan cidha qopheessanii akka isaan wajjin nyaatanii dhuganiif obboleettota isaanii sadan affeeru ture.
JOB 1:5 Erga yeroon cidha sanaa raawwatamee booddee Iyyoob itti ergee ijoollee isaa waamsisuudhaan, “Tarii ijoolleen koo cubbuu hojjetanii garaa isaaniittis Waaqa abaaraniiru taʼa” jedhee ganama barii waaʼee tokkoo tokkoo isaaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessuudhaan isaan qulqulleessa ture. Iyyoob yeroo hunda waan kana godha ture.
JOB 1:6 Gaaf tokko yeroo ergamoonni Waaqayyoo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufanitti Seexannis isaan wajjin dhufe.
JOB 1:7 Waaqayyos seexanaan, “Ati Eessaa dhufte?” jedhe. Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooraa, asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee Waaqayyoof deebise.
JOB 1:8 Waaqayyos Seexanaan, “Ati tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaatee dha” jedhe.
JOB 1:9 Seexanni immoo deebisee akkana jedhe, “Iyyoob akkasumaan Waaqa sodaataa?
JOB 1:10 Ati naannoo isaatti, warra mana isaa jiraatanii fi waan kan isaa taʼe hundatti dallaa ijaarteerta mitii? Ati akka bushaayee fi loon isaa biyyicha guutaniif hojii harka isaa eebbifteertaaf.
JOB 1:11 Garuu ati mee harka kee diriirsiitii waan inni qabu hunda dhaʼi; inni dhugumaan ifaan ifatti si abaara.”
JOB 1:12 Waaqayyos Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi si harka jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin” jedhe. Sana booddee Seexanni fuula Waaqayyoo duraa baʼee deeme.
JOB 1:13 Gaaf tokko utuu ilmaanii fi intallan Iyyoob mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa jiranuu,
JOB 1:14 ergamaan tokko gara Iyyoob dhufee akkana jedhe; “Utuu qotiyyoon qotaa, harroonni immoo naannuma sana dheedaa jiranuu,
JOB 1:15 namoonni Shebaa balaa buusanii isaan fudhatanii deeman. Tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”
JOB 1:16 Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee, “Ibiddi Waaqaa samiidhaa buʼee hoolotaa fi tajaajiltoota gubee fixe; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.
JOB 1:17 Utuu inni dubbachaa jiruu ammas ergamaan biraa dhufee, “Kaldoonni garee sadiitti qoodamanii gaalawwan kee irra yaaʼanii isaan oofatanii deeman; tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.
JOB 1:18 Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee akkana jedheen; “Ilmaanii fi intallan kee mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa turan;
JOB 1:19 yeroo kanattis bubbee hamaan akka tasaa gammoojjiidhaa kaʼee golee mana sanaa afran dhaʼe; manni sunis isaan irratti jigee dhuman; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”
JOB 1:20 Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee
JOB 1:21 akkana jedhe: “Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe; qullaa koos nan deema. Waaqayyotu kenne; Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.”
JOB 1:22 Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob hojii dogoggoraatiin Waaqa himachuudhaan cubbuu hin hojjenne.
JOB 2:1 Guyyaa biraas ergamoonni Waaqayyoo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufan; Seexannis isaan wajjin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufe.
JOB 2:2 Waaqayyos Seexanaan, “Ati eessaa dhufte?” jedhe. Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooree asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee Waaqayyoof deebise.
JOB 2:3 Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; “Tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate dha. Ati akka ani sababii tokko malee isa balleessuuf na kakaaftu iyyuu inni hamma ammaatti qajeelummaa isaa cichee qabateera.”
JOB 2:4 Seexannis deebisee akkana jedhe; “Gogaan gogaadhaaf! Namni lubbuu isaa oolfachuuf jedhee waan qabu hunda ni kenna.
JOB 2:5 Garuu ati mee harka kee diriirfadhuutii foonii fi lafee isaa rukuti; inni dhugumaan ifumaan ifatti si abaara.”
JOB 2:6 Waaqayyos Seexanaan, “Kunoo inni si harka jira; lubbuu isaa garuu hin tuqin” jedhe.
JOB 2:7 Kanaafuu Seexanni fuula Waaqayyoo duraa baʼee Iyyoobin faana miilla isaatii jalqabee hamma gubbee mataa isaatti madaa hamaadhaan rukute.
JOB 2:8 Iyyoobis ittiin of hooquuf jedhee qiraacii fudhatee daaraa keessa taaʼe.
JOB 2:9 Niitiin isaa, “Ati amma illee qajeelummaa kee cichitee qabatteertaa? Waaqa abaariitii duʼi!” isaan jette.
JOB 2:10 Inni immoo deebisee, “Ati akka dubartii gowwaa tokkootti dubbatte. Nu harka Waaqaatii waan gaarii fudhanneerra; waan hamaa immoo fudhachuu hin qabnuu?” jedhe. Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob waan dubbateen cubbuu hin hojjenne.
JOB 2:11 Michoonni Iyyoob sadan jechuunis Eliifaaz namni Teemaan, Bildaad namni Shuhaatii fi Zoofaari namni Naaʼimaataa yommuu waan Iyyoob irra gaʼe hunda dhagaʼanitti rakkina isaa qoodachuu fi isa jajjabeessuudhaaf tokkummaan walii galanii mana isaaniitii baʼan.
JOB 2:12 Yommuu fagootti isa arganitti isa beekuu hin dandeenye; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼan; uffata isaaniis tarsaasanii mataa isaaniitti daaraa firfirfatan.
JOB 2:13 Ergasiis guyyaa torbaa fi halkan torba isa wajjin lafa tataaʼan. Isaan sababii dhiphinni isaa akka malee cimaa taʼuu isaa arganiif, namni tokko iyyuu homaa isatti hin dubbanne.
JOB 3:1 Kana irratti Iyyoob afaan isaa banatee guyyaa itti dhalate abaare.
JOB 3:2 Innis akkana jedhe:
JOB 3:3 “Guyyaan ani itti dhaladhe haa badu; halkan, ‘Ilmi dhalate!’ jedhame sunis haa badu.
JOB 3:4 Guyyaan sun haa dukkanaaʼu; Waaqni ol gubbaadhaa isa hin ilaalin; ifnis itti hin ifin.
JOB 3:5 Dukkannii fi gaaddidduun guddaan isa haa dhaalan; duumessi isa irra haa buʼu; ifa isaa dukkanni haa liqimsu.
JOB 3:6 Halkan sana dukkanni limixiin haa qabatu; guyyoota waggaa keessa jiranittis hin dabalamin yookaan jiʼoota kam iyyuu keessatti hin lakkaaʼamin.
JOB 3:7 Halkan sun haa maseenu; ililleenis keessatti hin dhagaʼamin.
JOB 3:8 Warri Lewaataanin kakaasuuf qophaaʼan, kanneen guyyoota abaaran guyyaa sana haa abaaran.
JOB 3:9 Bakkalchi barii kan guyyaa sanaa haa dukkanaaʼu; ifa eeggatee haa dhabu; boruu baqaqus hin argin.
JOB 3:10 Inni ija koo duraa rakkina dhoksuuf, balbala gadameessa haadha kootii natti hin cufneetii.
JOB 3:11 “Ani maaliif gadameessa haadha kootii keessatti hin badin? Maaliifis yeruman garaa keessaa baʼetti hin duʼin?
JOB 3:12 Jilbawwan na simatan, harmawwan ani hodhus maaliif achitti argaman?
JOB 3:13 Ani silaa yoona nagaan nan ciisa; rafees nan boqodhan tureetii;
JOB 3:14 moototaa fi gorsitoota addunyaa warra iddoowwan amma diigamanii jiran ofii isaaniitiif qopheeffatan wajjin,
JOB 3:15 bulchitoota warqee qaban, kanneen manneen isaanii meetiidhaan guutatan wajjin nan boqodhan ture.
JOB 3:16 Yookaan ani maaliifin akkuma mucaa duʼee garaa baʼee, akkuma daaʼima ifa guyyaa hin arginiitti hin awwaalamin?
JOB 3:17 Achittis namoonni hamoonni jeequu ni dhiisu; dadhaboonnis achitti ni boqotu.
JOB 3:18 Boojiʼamtoonni nagaadhaan walii wajjin jiraatu; waca cunqursitoota isaaniis hin dhagaʼan.
JOB 3:19 Xinnaa fi guddaan achi jira; garbichis gooftaa isaa jalaa bilisoomeera.
JOB 3:20 “Maaliif warra gadadoo keessa jiraniif ifni warra lubbuun isaanii gadditeef immoo jireenyi kennama?
JOB 3:21 Warra duʼa hawwanii dhabaniif warra qabeenya dhokfame caalaa duʼa barbaadaniif
JOB 3:22 warra yommuu awwaalamuu gaʼanitti gammachuun guutamanii ililchaniif jireenyi maaliif kennama?
JOB 3:23 Nama karaan isaa duraa dhokateef nama Waaqni dallaa itti marse jireenyi maaliif kennama?
JOB 3:24 Gaddi buddeena naa taʼeera; aaduun koos akka bishaanii dhangalaʼa.
JOB 3:25 Wanni ani sodaadhe natti dhufeera; wanni na naasisus narra gaʼeera.
JOB 3:26 Ani nagaa hin qabu; tasgabbiis hin qabu; jeequmsa malee boqonnaa hin qabu.”
JOB 4:1 Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:
JOB 4:2 “Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa? Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?
JOB 4:3 Ati akka nama baayʼee barsiifte, akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.
JOB 4:4 Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera; atis jilba laafe jabeessiteerta.
JOB 4:5 Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta; rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;
JOB 4:6 Waaqa sodaachuun kee irkoo kee, qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?
JOB 4:7 “Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa? Qajeelonni eessatti badanii beeku?
JOB 4:8 Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan, kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.
JOB 4:9 Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu; hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.
JOB 4:10 Leenci ni aada; ni gururiʼas; ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.
JOB 4:11 Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa; ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.
JOB 4:12 “Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame; gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.
JOB 4:13 Abjuu halkanii sodaachisaa keessa, yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,
JOB 4:14 sodaa fi hollachuun na qabatee lafee koo hunda raase.
JOB 4:15 Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe; rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.
JOB 4:16 Innis ni dhaabate; ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye. Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate; anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:
JOB 4:17 ‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?
JOB 4:18 Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;
JOB 4:19 yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?
JOB 4:20 Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu; tasumas bara baraan ni badu.
JOB 4:21 Akka isaan ogummaa malee duʼaniif funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’
JOB 5:1 “Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa? Qulqulloota keessaas ati gara isa kamiitti gorta?
JOB 5:2 Nama gowwaa aariitu ajjeesa; raatuus hinaaffaatu galaafata.
JOB 5:3 Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge; manni isaa garuu yoosuma abaarame.
JOB 5:4 Ijoolleen isaa nagaa hin qaban; isaan karra duratti burkutaaʼan; namni isaan oolchus hin jiru.
JOB 5:5 Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata; inni dheebotes qabeenya isaa hawwa.
JOB 5:6 Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii; dhiphinnis lafa keessaa hin biqilu.
JOB 5:7 Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu namni rakkinaaf dhalata.
JOB 5:8 “Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha; dhimma koos fuula isaa duratti nan dhiʼeeffadhan ture.
JOB 5:9 Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye, hojiiwwan dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye hojjeta.
JOB 5:10 Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa; lafa qotiisaas bishaan ni obaasa.
JOB 5:11 Warra gad qabaman ol baasa; warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa.
JOB 5:12 Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef, inni karoora jalʼootaa ni fashaleessa.
JOB 5:13 Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba; malli jalʼootaa immoo dafee ni bada.
JOB 5:14 Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas akka nama dukkana keessa jiruu qaqqabannaadhaan deemu.
JOB 5:15 Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa, harka nama jabaa jalaas ni baasa.
JOB 5:16 Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba; jalʼinnis afaan isaa ni cufata.
JOB 5:17 “Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha; kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.
JOB 5:18 Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa; harka isaatiinis deebisee ni fayyisa.
JOB 5:19 Balaa jaʼa jalaa si baasa; torba keessattis hin miidhamtu.
JOB 5:20 Bara beelaa duʼa jalaa, lola keessattis rukuttaa goraadee jalaa si baasa.
JOB 5:21 Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta; yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu.
JOB 5:22 Badiisaa fi beelatti ni kolfita; bineensota lafaas hin sodaattu.
JOB 5:23 Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta; bineensonni bosonaas nagaadhaan si wajjin jiraatu.
JOB 5:24 Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta; qabeenya kee ni toʼatta; wanni tokko illee si jalaa hin badu.
JOB 5:25 Ijoolleen kee akka baayʼatan, sanyiiwwan kees akkuma marga lafaa akka taʼan ni beekta.
JOB 5:26 Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana, atis bara dheeraa jiraattee awwaala seenta.
JOB 5:27 “Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha. Kanaafuu qalbeeffadhu; ofii keetiifis beeki.”
JOB 6:1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
JOB 6:2 “Utuu gaddi koo safaramee dhiphinni koo hundis madaalii irra kaaʼamee jiraatee!
JOB 6:3 Waan inni cirracha galaanaa caalaa ulfaatuuf, ariitiin dubbachuun koo nama hin dinqisiisu ture.
JOB 6:4 Xiyyawwan Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu na keessa jiru; hafuurri koo summii isaanii dhuga; sodaachisuun Waaqaa natti hiriireera.
JOB 6:5 Harreen diidaa utuu marga qabuu halaakaa? Yookaan qotiyyoon utuu okaa qabuu baroodaa?
JOB 6:6 Nyaanni hin miʼoofne soogidda malee nyaatamaa? Yookaan bishaan hanqaaquu ni miʼaawaa?
JOB 6:7 Ani isa tuquu hin fedhu; nyaanni akkasii na dhukkubsa.
JOB 6:8 “Utuu kadhannaan koo deebii argatee, Waaqnis waan ani hawwu naa kennee jiraatee,
JOB 6:9 utuu na caccabsuun fedhii Waaqaa taʼee, utuu harki isaa hiikamee na galaafatee!
JOB 6:10 Silaa kun jajjabina naa taʼa ture; dhukkuba hamaa keessatti iyyuu nan gammada ture; ani dubbii Qulqullicha sanaa hin ganneetii.
JOB 6:11 “Ammas akkan abdadhuuf jabinni koo maali? Akkan obsuufis humni koo maali?
JOB 6:12 Ani jabina dhagaa qabaa? Foon koos naasiidhaa?
JOB 6:13 Ani of gargaaruuf humna tokko illee qabaa? Ogummaan na keessaa badeera mitii?
JOB 6:14 “Namni michuu isaatiif garaa hin laafne Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.
JOB 6:15 Obboloonni koo garuu akka doloolloo, akkuma laga yeroof guutee darbuu gowwoomsitoota;
JOB 6:16 isaan laga cabbiidhaan booraʼee yommuu cabbiin sun baqutti immoo guutee irra yaaʼuu ti.
JOB 6:17 Lageen yeroo bonni cimutti ni goggogu; yeroo hoʼaatti immoo iddoo isaaniitii badu.
JOB 6:18 Warri gaalaan daldalan karaa isaanii irraa jalʼatu; gammoojjiitti namʼanii dhumu.
JOB 6:19 Daldaltoonni Teemaa kanneen gaalaan daldalan bishaan barbaadu; karaa adeemtonni Shebaa immoo isaan abdatu.
JOB 6:20 Isaan waan abdatanii turaniif ni qaanaʼan; achi gaʼaniis waan jedhan wallaalan.
JOB 6:21 Ammas isin akka waan faayidaa hin qabnee taatan; gidiraa koo argitanii sodaattan.
JOB 6:22 Ani takkumaa, ‘Waa naaf kennaa’ yookaan ‘Qabeenya keessan furii naaf godhaa’ jedheeraa?
JOB 6:23 Yookaan, ‘Harka diinaa jalaa na baasaa’ yookaan, ‘Harka cunqursitootaa jalaa na furaa’ jedheeraa?
JOB 6:24 “Na barsiisaa; ani nan calʼisa; iddoo ani itti dogoggores na argisiisaa.
JOB 6:25 Dubbiin qajeelaan akkam ulfaataa dha! Falmiin keessan garuu maal mirkaneessa?
JOB 6:26 Isin waan ani jedhu qajeelchuu, dubbii nama abdii kutatees akka bubbeetti heduu barbaadduu?
JOB 6:27 Isin ijoollee abbaa hin qabnetti ixaa buufattu; michoota keessaniifis boolla qottu.
JOB 6:28 “Amma garuu yoo fedhii keessan taʼe na ilaalaa. Ani fuula keessan duratti nan sobaa?
JOB 6:29 Deebiʼaa; murtiis hin jalʼisinaa; hubadhaa; ani nama qajeelaadhaatii.
JOB 6:30 Jalʼinni arraba koo irra jiraa? Afaan koo daba addaan baasuu hin dandaʼuu?
JOB 7:1 “Jireenyi namaa lafa irratti qabsoo cimaa mitii? Barri isaas akkuma bara nama qacaramaa tokkootii mitii?
JOB 7:2 Akkuma garbicha gaaddisa galgalaa hawwuu, yookaan akkuma hojjetaa mindaa isaa eegatu tokkoo,
JOB 7:3 jiʼoonni faayidaa hin qabne naa qoodaman; halkanoonni dhiphinaas naa ramadaman.
JOB 7:4 Yommuun ciisutti, ‘Ani yoomin kaʼa?’ jedheen yaada. Halkan natti dheerata; anis hamma bariʼutti nan gaggaragala.
JOB 7:5 Nafni koo raammoo fi qonyanyaa uffateera; gogaan koo babbaqaqee malaʼaa jira.
JOB 7:6 “Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata; innis abdii malee dhuma.
JOB 7:7 Egaa yaa Waaqayyo, akka jireenyi koo akkuma qilleensaa taʼe yaadadhu; iji koo lammata waan gaarii hin argu.
JOB 7:8 Iji amma na argu siʼachi na hin argu; ati na barbaadda; garuu ani hin jiru.
JOB 7:9 Akkuma duumessi bittinnaaʼee badus namni awwaalame hin deebiʼu.
JOB 7:10 Inni lammata mana isaatti hin deebiʼu; iddoon isaas siʼachi isa hin beeku.
JOB 7:11 “Kanaafuu ani cal hin jedhu; ani hafuura koo dhiphate sanaan nan dubbadha; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan guunguma.
JOB 7:12 Ati eegduu natti ramaduun kee, ani galaana moo yookaan bineensa galaanaa ti?
JOB 7:13 Yommuu ani, ‘Sireen koo na jajjabeessa; wanni ani irra ciisu guungummii koo naa xinneessa’ jedhutti,
JOB 7:14 ati abjuu keessa na sodaachifta; mulʼataanis na rifachiifta.
JOB 7:15 Kanaafuu ani akkasitti jiraachuu irra of hudhee duʼuu nan filadha.
JOB 7:16 Jireenya koo nan jibba; ani bara baraan hin jiraadhu. Na dhiisi; jiraachuun koo faayidaa hin qabuutii.
JOB 7:17 “Akka ati isa leelliftuuf, akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali?
JOB 7:18 Ati ganama ganama isa xiinxaltee yeroo yerootti isa qorta.
JOB 7:19 Ati ija kee narraa hin buqqiftuu? Hamma ani hancufa liqimsutti kophaa koo na hin dhiiftuu?
JOB 7:20 Yaa isa nama eegdu, yoon cubbuu hojjedhe iyyuu ani maalan si godha? Ati maaliif waan itti akeekkattu na godhatte? Ani baʼaa sitti taʼeeraa?
JOB 7:21 Ati maaliif balleessaa koo irra dabartee cubbuu koo illee naaf hin dhiifne? Yeroon ani itti biyyoo keessa ciisu gaʼeeraatii; ati na barbaadda; garuu ani hin argamu.”
JOB 8:1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
JOB 8:2 “Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta? Dubbiin kee bubbee jabaa dha.
JOB 8:3 Waaqni murtii qajeelaa jalʼisaa ree? Waaqni Waan Hunda Dandaʼu waan qajeelaa jalʼisaa?
JOB 8:4 Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti, inni adabbii cubbuu isaaniitti dabarsee isaan kenne.
JOB 8:5 Ati garuu yoo Waaqa barbaadatte, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu yoo waammatte,
JOB 8:6 yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate, inni waaʼee keetiif ammuma kaʼa; jireenya qajeelummaa kees siif deebisa.
JOB 8:7 Jalqabni kee xinnaa taʼu illee, dhumni kee baayʼee guddaa taʼa.
JOB 8:8 “Dhaloota darbe gaafadhu; waan abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼanis hubadhu;
JOB 8:9 nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii; baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti.
JOB 8:10 Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii? Dubbii garaa isaanii keessa jirus hin dubbatanii?
JOB 8:11 Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa? Shambaqqoonis bishaan malee lalisaa?
JOB 8:12 Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin, biqiltuuwwan kaan dura dafanii gogu.
JOB 8:13 Dhumni warra Waaqa irraanfataniis akkasuma taʼa; abdiin warra Waaqa hin beeknees ni bada.
JOB 8:14 Abdiin isaa akkuma salphaatti cita; ofitti amanachuun isaas manʼee sariitii ti.
JOB 8:15 Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu; itti maxxanas; manʼeen sun garuu dandaʼee isa hin baatu.
JOB 8:16 Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti, dameewwan isaa lafa biqiltuu irra diriirfatuu ti.
JOB 8:17 Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata; kattaa gidduus iddoo jiraatu ni barbaaddata.
JOB 8:18 Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu, iddoon sun, ‘Ani si argee hin beeku’ jedhee isa gana.
JOB 8:19 Kunis dhuma jireenya isaa ti; biqiltuuwwan biraas lafaa ni biqilu.
JOB 8:20 “Waaqni nama hirʼina hin qabne hin gatu; yookaan harka jalʼootaa hin jabeessu.
JOB 8:21 Inni afaan kee kolfaan, arraba kee immoo ililleedhaan ni guuta.
JOB 8:22 Warri si jibban salphina uffatu. Dunkaanni jalʼootaas siʼachi hin jiraatu.”
JOB 9:1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
JOB 9:2 “Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka. Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?
JOB 9:3 Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.
JOB 9:4 Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha. Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?
JOB 9:5 Inni utuu isaan hin beekin tulluuwwan iddoo isaaniitii buqqisa; dheekkamsa isaatiinis isaan gaggaragalcha.
JOB 9:6 Lafa iddoo isheetii ni sochoosa; utubaawwan ishees ni raasa.
JOB 9:7 Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu; urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa.
JOB 9:8 Isa qofatu samiiwwan diriirsa; dambalii galaanaa irras ni deema.
JOB 9:9 Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee, Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume.
JOB 9:10 Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne, dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta.
JOB 9:11 Yommuu inni na bira darbu ani isa arguu hin dandaʼu; yommuu inni na cina deemus ani isa hubachuu hin dandaʼu.
JOB 9:12 Yoo inni butee deeme eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? Eenyutus, ‘Ati maal hojjettaa?’ isaan jechuu dandaʼa?
JOB 9:13 Waaqni dheekkamsa isaa hin deebisu; warri Raʼaabin gargaaran iyyuu gad deebiʼu.
JOB 9:14 “Yoos ani akkamittan isatti falmuu dandaʼa? Isatti falmuufis akkamittan dubbii filachuu dandaʼa?
JOB 9:15 Ani nama balleessaa hin qabne utuun taʼe iyyuu, isaaf deebisuu hin dandaʼu; abbaa Murtii koo araara kadhachuu qofa nan dandaʼa.
JOB 9:16 Yoo ani isa waammadhee inni naa deebise illee, akka inni na dhagaʼu ani hin amanu.
JOB 9:17 Inni bubbee hamaadhaan na caccabsa; madaa koos sababii malee natti baayʼisa.
JOB 9:18 Inni waan hadhaaʼaadhaan na guute malee akka ani hafuura fudhadhuuf illee yeroo naaf hin kennine.
JOB 9:19 Waaʼee jabinaa taanaan inni jabaa dha! Waaʼee murtii qajeelaas taanaan eenyutu isa waamuu dandaʼa?
JOB 9:20 Utuu ani nama balleessaa hin qabne taʼe iyyuu afaan koo natti mura; utuma ani hirʼina hin qabaannes yakkamaa taʼuu koo hima.
JOB 9:21 “Ani hirʼina qabaachuu baadhu iyyuu, waaʼee ofii kootii hin yaaddaʼu; jireenya koos nan tuffadha.
JOB 9:22 Wanni hundinuu tokkuma; kanaafuu ani, ‘Inni isa hirʼina hin qabnes, isa hamaas ni balleessa’ nan jedha.
JOB 9:23 Yommuu dhaʼichi buʼee duʼa tasaa fidutti, inni badiisa warra yakka hin qabneetti ni qoosa.
JOB 9:24 Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti, inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa; kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree?
JOB 9:25 “Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata; utuu gammachuu tokko illee hin argin darba.
JOB 9:26 Inni akkuma bidiruu dhallaadduu irraa hojjetamee, akkuma risaa waa butachuuf gad barrisuu ariifata.
JOB 9:27 Yoo ani, ‘Guungummii koo nan dhiisa; nyaara guuruus dhiisee nan seeqa’ jedhe,
JOB 9:28 ani amma iyyuu dhiphina koo hunda nan sodaadha; akka ati akka nama balleessaa hin qabneetti na hin hedne nan beekaatii.
JOB 9:29 Erga yakkamaa taʼuun koo beekamee, ani maaliifin akkasumaan dadhaba ree?
JOB 9:30 Utuma ani saamunaadhaan dhiqadhee handoodeedhaanis harka koo qulqulleeffadhe iyyuu,
JOB 9:31 ati hamma uffanni koos na balfutti, boolla keessa na dhidhimsita.
JOB 9:32 “Akka ani isaa deebisuu fi mana murtiittis wal falminuuf, inni akka koo nama foonii miti.
JOB 9:33 Utuu namni nu lamaan irra harka kaaʼu, kan gidduu keenyattis araara buusu tokko jiraatee,
JOB 9:34 utuu Waaqni ulee isaa narraa kaasee silaa naasisuun isaa na hin sodaachisu ture.
JOB 9:35 Silaa ani utuun isa hin sodaatin nan dubbadhan ture; haalan amma keessa jiruun garuu hin dandaʼu.
JOB 10:1 “Ani jireenya koo akka malee jibbeera; kanaafuu caalchisee nan guunguma; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan dubbadha.
JOB 10:2 Waaqaanis akkana nan jedha: Ati maaliin akka na himattu natti himi malee natti hin murin.
JOB 10:3 Hojii jalʼootaa gammachuudhaan fudhattee ana immoo yommuu cunqursitu, hojii harka keetiis yommuu tuffattu sitti tolaa?
JOB 10:4 Ati ija foonii qabdaa? Akka namni ilaaluttis ni ilaaltaa?
JOB 10:5 Barri kee akka bara namaatii? Yookaan waggoonni kee akka waggoota namaatii?
JOB 10:6 Yoos ati maaliif balleessaa koo barbaaddee cubbuu koo qoratta?
JOB 10:7 Taʼus ati akka ani yakka hin qabnee fi akka namni harka keetii na baasu tokko iyyuu hin jirre ni beekta.
JOB 10:8 “Harki kee tolchee na uume. Ati amma deebitee na balleessitaa?
JOB 10:9 Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?
JOB 10:10 Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee? Akka baaduus na hin itichinee?
JOB 10:11 Ati gogaa fi foon natti uffifte; lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite.
JOB 10:12 Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte; kunuunsi kees hafuura koo naa eege.
JOB 10:13 “Ati garuu waan kana hunda garaatti qabatte; anis akka wanni kun yaada kee keessa jiru nan beeka.
JOB 10:14 Ati yoo ani cubbuu hojjedhe na argita; balleessaa koos utuu hin adabin bira hin dabartu.
JOB 10:15 Yoo ani yakka hojjedhe, anaaf wayyoo! Ani yoo nama balleessaa hin qabne taʼe illee, mataa koo ol qabachuu hin dandaʼu; ani salphina uffadhee dhiphina keessa seeneeraatii.
JOB 10:16 Yoo ani mataa ol qabadhe ati akka leenca waa adamsuu na adamsita; humna kee sodaachisaa sanas ammumaa amma natti argisiifta.
JOB 10:17 Ati dhuga baatota haaraa natti fiddee dheekkamsa kee natti dabalta; loltuus natti fidda.
JOB 10:18 “Egaa ati maaliif gadameessa keessaa na baafte? Utuu iji tokko iyyuu na hin argin utuun duʼee.
JOB 10:19 Ani utuun dhalachuu baadhee yookaan utuun akkuman dhaladheen awwaalamee jiraadhee!
JOB 10:20 Barri koo gabaabaan dhumaa jira mitii? Akka ani yeroo xinnoof gammaduuf narraa deebiʼi;
JOB 10:21 utuu ani lafa dhaqanii hin deebine, biyya dimimmisaa fi dukkana limixii hin dhaqin dura,
JOB 10:22 gara biyya dimimmisaaʼaa akka dukkanaa, biyya gaaddidduu duʼaatiin guutame, kan ifni iyyuu akkuma dukkanaa taʼee hin dhaqin, narraa deebiʼi.”
JOB 11:1 Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
JOB 11:2 “Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii? Dubbii baayʼisuun qajeelaa nama godhaa?
JOB 11:3 Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa? Yommuu ati qoostu namni si ifatu hin jiruu?
JOB 11:4 Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha; ani fuula kee duratti hirʼina hin qabu’ jetta.
JOB 11:5 Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee, utuu afaan isaas sitti saaqqatee
JOB 11:6 icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa! Ogummaan dhugaan bifa lama qabaatii. Kanaafuu Waaqni cubbuu kee muraasa akka siif irraanfate beeki.
JOB 11:7 “Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu yookaan yaada Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu qorattee bira gaʼuu dandeessaa?
JOB 11:8 Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa? Qilee awwaalaa caalaas gad fagaatu; ati maal beekuu dandeessa?
JOB 11:9 Safarri isaa lafa caalaa dheerata; galaana caalaa balʼata.
JOB 11:10 “Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche, yoo waldaa murtiis walitti qabe eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
JOB 11:11 Dhugumaan inni sobdoota ni beeka; inni yommuu jalʼina argutti hin qalbeeffatuu?
JOB 11:12 Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee gowwaan ogeessa taʼuu hin dandaʼu.
JOB 11:13 “Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee harka kees gara isaatti diriirsite,
JOB 11:14 cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite, akka wanni hamaanis dunkaana kee keessa hin jiraanne yoo goote,
JOB 11:15 ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa; sodaa tokko malees jabaattee dhaabatta.
JOB 11:16 Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta; akkuma lolaa darbeettis ni lakkoofta.
JOB 11:17 Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa; dukkanni isaas akkuma barii ganamaa taʼa.
JOB 11:18 Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu; naannoo kee ni ilaalta; nagaadhaanis ni boqotta.
JOB 11:19 Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu; namoonni baayʼeenis fuula kee barbaadu.
JOB 11:20 Iji hamootaa ni dadhaba; karaan ittiin baqatanis isaan jalaa bada; abdiin isaaniis duʼa qofa.”
JOB 12:1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
JOB 12:2 “Nama jechuun dhugumaan isin; ogummaanis isin wajjin duuti!
JOB 12:3 Garuu anis akkuma keessan sammuun qaba; ani isinii gad miti. Namni waan akkanaa hin beekne eenyu?
JOB 12:4 “Ani nama Waaqa waammatee deebii argate taʼu illee, michoota koo biratti nama kolfaa taʼeera. Ani utuun nama qajeelaa hirʼina hin qabne taʼee jiruu nama kolfaa taʼeera.
JOB 12:5 Warri itti tole rakkinatti qoosu; nama kufuuf miilli isaa mucucaateenis kun hiree isaati jedhu.
JOB 12:6 Dunkaanni saamtotaa hin jeeqamu; warri Waaqa isaanii harkatti baatanii jooran, warri Waaqa dheekkamsiisan nagaan jiraatu.
JOB 12:7 “Mee horii gaafadhu; isaan si barsiisu; yookaan simbirroota samii gaafadhu; isaan sitti himu;
JOB 12:8 yookaan lafatti dubbadhu; inni si barsiisa; yookaan qurxummiiwwan galaanaa sitti haa himan.
JOB 12:9 Akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete, isaan kanneen hunda keessaa eenyutu hin beekne?
JOB 12:10 Lubbuun uumama hundaa, hafuurri nama hundaas harka isaa keessa jira.
JOB 12:11 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, gurris dubbii dhagaʼee addaan hin baasuu?
JOB 12:12 Ogummaan jaarsolii biratti, hubannaanis warra umuriin dheerate biratti argama mitii?
JOB 12:13 “Ogummaa fi humni kan Waaqaa ti; gorsii fi hubannaanis kan isaa ti.
JOB 12:14 Waan inni diigu eenyu iyyuu deebisee ijaaruu hin dandaʼu; nama inni hidhe eenyu iyyuu hiikuu hin dandaʼu.
JOB 12:15 Yoo inni bishaan dhowwate, hongeetu buʼa; yoo inni gad dhiise immoo biyya balleessa.
JOB 12:16 Jabinnii fi ogummaan kan isaa ti; namni gowwoomfamuu fi inni gowwoomsus kanuma isaa ti.
JOB 12:17 Inni gorsitoota qullaa deemsisa; abbootii murtiis gowwoota godha.
JOB 12:18 Inni mootota irraa hidhaa hiikee, mudhii isaaniitti sabbata hidha.
JOB 12:19 Luboota qullaa deemsisa; jajjabeeyyiis ni gaggaragalcha.
JOB 12:20 Gorsitoota amanamoo afaan qabachiisa; hubannaa jaarsoliis irraa fuudha.
JOB 12:21 Warra kabajamootti salphina fida; warra jajjaboo immoo hidhata hiikachiisa.
JOB 12:22 Inni icciitii dukkanaa keessaa ifatti baasa; dukkana limixiis ifatti geeddara.
JOB 12:23 Inni saboota ni guddisa; ni balleessas; saboota ni baayʼisa; ni bittinneessas.
JOB 12:24 Bulchitoota addunyaa hubannaa malee hambisa; gammoojjii daandii hin qabne keessas isaan joorsa.
JOB 12:25 Isaan dukkana ifa hin qabne keessa qaqqabannaadhaan deemu; inni akka isaan akkuma nama machaaʼeetti gatantaranis ni godha.
JOB 13:1 “Waan kana hunda iji koo argeera; gurri koos dhagaʼee hubateera.
JOB 13:2 Waan isin beektan anis beeka; ani isinii gad miti.
JOB 13:3 Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha; waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada.
JOB 13:4 Isin garuu sobaan nama faaltu; hundi keessan abbootii qorichaa kanneen faayidaa hin qabnee dha!
JOB 13:5 Isin yoo cal jettan maal qaba! Wanni sun ogummaa isiniif taʼa.
JOB 13:6 Amma falmii koo dhagaʼaa; kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa.
JOB 13:7 Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu? Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu?
JOB 13:8 Isaaf ni loogduu? Waaqaafis ni falmituu?
JOB 13:9 Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa? Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu?
JOB 13:10 Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan, inni dhugumaan isinitti dheekkama.
JOB 13:11 Surraan isaa isin hin sodaachisuu? Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu?
JOB 13:12 Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti; daʼoon keessanis daʼoo suphee ti.
JOB 13:13 “Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa; ergasii wanni barbaade natti haa dhufu.
JOB 13:14 Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin, lubbuu koos harka kootiin qabadha?
JOB 13:15 Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha.
JOB 13:16 Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii!
JOB 13:17 Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu.
JOB 13:18 Kunoo ani himata koo qopheeffadheera; akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka.
JOB 13:19 Namni na himatu jiraa? Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas.
JOB 13:20 “Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee ani fuula kee duraa hin dhokadhu.
JOB 13:21 Harka kee narraa fageessi; sodaachisni kees na hin rifachiisin.
JOB 13:22 Ergasii na waami; anis nan owwaadha; yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita.
JOB 13:23 Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi.
JOB 13:24 Ati maaliif fuula kee dhokfattee akka diinaatti na ilaalta?
JOB 13:25 Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa? Habaqii gogaa ni ariitaa?
JOB 13:26 Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii; cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta.
JOB 13:27 Miilla koo jirma gidduu galchita; faana miilla kootiitti mallattoo gootee karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta.
JOB 13:28 “Namnis akkuma waan bososeetti, akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma.
JOB 14:1 “Nama dubartoota irraa dhalate, barri isaa gabaabaa fi kan rakkinaan guutamee dha.
JOB 14:2 Inni akkuma daraaraa ni biqila; ni coollagas; akkuma gaaddidduu ariifatee darba malee hin turu.
JOB 14:3 Iji kee nama akkasii xiyyeeffatee ilaalaa? Ati murtiif fuula kee duratti isa fiddaa?
JOB 14:4 Eenyutu waan xuraaʼaa keessaa waan qulqullaaʼaa baasuu dandaʼa? Namni tokko iyyuu hin dandaʼu!
JOB 14:5 Barri jireenya namaa murtaaʼaa dha; baayʼinni jiʼoota isaas si bira jira; daangaa inni darbuu hin dandeenye daangessiteefii jirta.
JOB 14:6 Hamma inni akka hojjetaa tokkootti bara isaa raawwatutti, fuula kee isa irraa deebifadhu; isas dhiisi.
JOB 14:7 “Mukni illee abdii qaba: Yoo murame deebiʼee ni lata; dameen isaa haaraanis hin gogu.
JOB 14:8 Yoo gufuun isaa lafa keessatti dulloomee gufuun isaa biyyoo keessatti tortore iyyuu,
JOB 14:9 foolii bishaaniitiin lata; akka biqiltuuttis damee ni baafata.
JOB 14:10 Namni garuu duʼee awwaalama; lubbuun isaa keessaa baati; innis hin jiraatu.
JOB 14:11 Akkuma bishaan galaanaa gogu yookaan lagnis dhumee gogu sana,
JOB 14:12 namnis akkasuma ni ciisa; hin kaʼus; hamma samiiwwan darbanittis hin dammaqu yookaan hirribaa hin kaʼu.
JOB 14:13 “Maaloo utuu awwaala keessa na dhoksitee hamma dheekkamsi kee darbutti na haguugdee! Maaloo utuu beellama naa kennitee ergasii immoo na yaadattee!
JOB 14:14 Namni tokko yoo duʼe deebiʼee ni jiraataa? Ani hamma haaromfamni koo dhufutti, bara rakkoo koo hunda obsaan nan eeggadha.
JOB 14:15 Ati na waamta; anis si jalaa nan owwaadha; hojii harka keetiis ni hawwita.
JOB 14:16 Yeroo sana ati tarkaanfii koo ni lakkoofta; cubbuu koo garuu hin toʼattu.
JOB 14:17 Yakki koo korojootti naqamee chaappeffama; ati cubbuu koo ni haguugda.
JOB 14:18 “Garuu akkuma tulluun lolaadhaan dhiqamee jigu, kattaanis iddoo isaatii buqqaʼu sana,
JOB 14:19 akkuma bishaan dhagaa nyaatee haphisu, akkuma lolaan biyyoo dhiqu sana, atis akkasuma abdii namaa ni balleessita.
JOB 14:20 Ati bara baraan isa ni moota; innis ni bada; bifa isaa ni geeddarta; of irraas isa fageessita.
JOB 14:21 Yoo ilmaan isaa ulfina argatan inni hin beeku; yoo isaan salphatanis hin argu.
JOB 14:22 Dhukkuba dhagna isaa qofatu isatti dhagaʼama; inni mataa isaa qofaaf booʼa.”
JOB 15:1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
JOB 15:2 “Namni ogeessi tokko dubbii faayidaa hin qabneen deebii kennaa? Yookaan bubbee baʼa biiftuutiin garaa isaa guutataa?
JOB 15:3 Inni dubbii faayidaa hin qabneen, haasaa buʼaa hin qabneenis ni falmaa?
JOB 15:4 Ati garuu Waaqa sodaachuu ni tuffatta; Waaqa kadhachuu illee nama dhowwita.
JOB 15:5 Cubbuun kee afaan kee ni barsiifti; atis afaan jalʼootaa filatta.
JOB 15:6 Afaanuma keetu sitti mura malee afaan koo miti; arrabuma keetu ragaa sitti taʼa.
JOB 15:7 “Situ nama hunda dura dhalatee? Yookaan situ tulluuwwan dura argamee?
JOB 15:8 Ati dhoksaa Waaqaa dhageesseertaa? Ogummaas ofuma keetiif dhuunfattaa?
JOB 15:9 Wanni ati beektu kan nu hin beekne maali? Hubannaan ati qabdu kan nu hin qabne maali?
JOB 15:10 Namoonni arrii baasanii fi kanneen jaaran, warri abbaa kee iyyuu caalaa dullooman nu gidduu jiru.
JOB 15:11 Gorsi Waaqaa kan nama jajjabeessu, dubbiin suutaan sitti himame sun si hanqatee?
JOB 15:12 Yaadni kee maaliif si fudhatee bada? Ijas maaliif babaafta?
JOB 15:13 Wanni akka ati Waaqatti aartu, akka dubbiin akkasiis afaan keetii baʼu godhe maali?
JOB 15:14 “Akka qulqulluu taʼuuf namni maali? Yookaan akka qajeeltota taʼaniif warri dubartoota irraa dhalatan maali?
JOB 15:15 Yoo Waaqni qulqulloota isaa illee amanuu baatee samiiwwan iyyuu fuula isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
JOB 15:16 yoos sanyiin namaa inni hamaa fi xuraaʼaan, kan akkuma bishaaniitti cubbuu dhugu sun hammam hammasii gad haa taʼu ree!
JOB 15:17 “Na dhaggeeffadhu; ani siifan ibsaa; waanan arges sitti nan hima;
JOB 15:18 waan namoonni ogeeyyiin waan abbootii isaanii irraa dhagaʼan keessaa tokko illee utuu hin dhoksin odeessan sana nan dubbadha;
JOB 15:19 biyyattiin abbootii isaanii qofaaf kennamte; alagaan tokko iyyuu isaan gidduu hin jiraanne.
JOB 15:20 Namni dabaan bara jireenya isaa guutuu, gara jabeessis bara isaaf qoodame guutuu ni rakkata.
JOB 15:21 Sagaleen sodaachisaan gurra isaatti ni iyya; utuma inni nagaan jiraatuus saamtonni tasuma itti dhufu.
JOB 15:22 Inni akka deebiʼee dukkana keessaa baʼu hin amanu; goraadeetu isa eeggata.
JOB 15:23 Inni waan nyaatamu barbaacha asii fi achi joora; akka guyyaan dukkanaa dhiʼaates ni beeka.
JOB 15:24 Dhiphinaa fi gaddi isa sodaachisu; akkuma mootii lolaaf qophaaʼeettis isatti cimu;
JOB 15:25 inni harka isaa Waaqatti ol fudhatee Waaqa Waan Hunda Dandaʼus tuffateera;
JOB 15:26 gaachana yabbuu fi jabaa qabatee isaan mormuuf mata jabinaan baʼeera.
JOB 15:27 “Yoo fuulli isaa coomaan haguugamee mudhiin isaa foon baasee iitaʼe iyyuu,
JOB 15:28 inni magaalaawwan barbadaaʼan keessa, manneen namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kanneen diigamanii tuulamuu gaʼan keessa jiraata.
JOB 15:29 Inni siʼachi hin sooromu; qabeenyi isaas hin jiraatu; yookaan qabeenyi isaa lafa irra hin turu.
JOB 15:30 Inni dukkana jalaa hin baʼu; arrabni ibiddaa damee isaa ni gogsa; hafuurri afaan Waaqaatii baʼus isa fudhata.
JOB 15:31 Inni sababii beenyaa tokko illee hin arganneef, waan faayidaa hin qabne amanachuudhaan of hin gowwoomsin.
JOB 15:32 Inni utuu yeroon isaa hin gaʼin ni coollaga; dameen isaas hin lalisu.
JOB 15:33 Inni akka muka wayinii iji isaa utuu hin bilchaatin irraa funaanamee, akka ejersa daraaraa isaa of irraa harcaasee ni taʼa.
JOB 15:34 Gareen warra Waaqaaf hin bullee ni maseena; ibiddis dunkaana warra mattaʼaa jaallatanii ni guba.
JOB 15:35 Isaan rakkina ulfaaʼanii hammina dhalan; garaan isaaniis jalʼina yaada.”
JOB 16:1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
JOB 16:2 “Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera; hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha!
JOB 16:3 Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu? Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali?
JOB 16:4 Utuu isin iddoo koo jiraattanii silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture; dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis mataa koo isinitti nan raasan ture.
JOB 16:5 Ani afaan kootiin isin jajjabeessee gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture.
JOB 16:6 “Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu; cal jedhus na hin dhiisu.
JOB 16:7 Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta; warra mana koo jiru hundas balleessiteerta.
JOB 16:8 Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe; akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile.
JOB 16:9 Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire; ilkaan isaa natti qarate; diinni koo ija isaa natti babaase.
JOB 16:10 Namoonni natti qoosuuf afaan banatan; tuffiidhaan maddii koo kabalan; tokko taʼanii natti kaʼan.
JOB 16:11 Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne; harka jalʼootaa keessas na buuse.
JOB 16:12 Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse; morma na qabee na caccabse. Xiyyeeffannaa isaas na godhate;
JOB 16:13 loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu. Inni gara laafina malee kalee koo waraanee hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse.
JOB 16:14 Inni ammumaa amma na caccabsa; akkuma loltuu tokkootti natti fiiga.
JOB 16:15 “Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera; gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera.
JOB 16:16 Fuulli koo booʼichaan diimateera; dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera.
JOB 16:17 Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne; kadhannaan koos qulqulluu dha.
JOB 16:18 “Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin; akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin!
JOB 16:19 Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira; abukaattoon koos ol gubbaa jira.
JOB 16:20 Michoonni koo na tuffatu; iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa;
JOB 16:21 akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana utuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee!
JOB 16:22 “Waggoota xinnoo booddee, ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.
JOB 17:1 Hafuurri koo dadhabeera; barri koo gabaabbateera; awwaallis naa qopheeffameera.
JOB 17:2 Dhugumaan qoostonni na marsaniiru; iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala.
JOB 17:3 “Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi; si malee eenyutu wabii naa taʼa?
JOB 17:4 Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta; kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu.
JOB 17:5 Yoo namni tokko faayidaa argachuuf michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama.
JOB 17:6 “Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa, nama namni fuula isaatti tufu na godheera.
JOB 17:7 Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe; dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti.
JOB 17:8 Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu; namni balleessaa hin qabnes warra Waaqatti hin bulle irratti kaʼa.
JOB 17:9 Qajeelaan garuu karaa isaatti cima; warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu.
JOB 17:10 “Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa! Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu.
JOB 17:11 Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera; hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera.
JOB 17:12 Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru; utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu.
JOB 17:13 Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe, yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe,
JOB 17:14 yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’ raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’ yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe,
JOB 17:15 egaa abdiin koo eessa jira? Eenyutus abdii tokko illee naa arga?
JOB 17:16 Inni na wajjin awwaala buʼaa? Nus walumaan biyyoo seennaa?”
JOB 18:1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
JOB 18:2 “Isin haasaa kana yoom fixxu? Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.
JOB 18:3 Nu maaliif akka looniitti hedamna? Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?
JOB 18:4 Ati kan aariidhaan of ciccirtu, lafti sababii keetiif duwwaatti haftii? Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?
JOB 18:5 “Ibsaan nama hamaa ni dhaama; arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.
JOB 18:6 Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa; ibsaan isa bira jirus ni dhaama.
JOB 18:7 Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba; malli isaas isuma kuffisa.
JOB 18:8 Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa; inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.
JOB 18:9 Kiyyoon kottee isaa qaba; futtaasaanis jabeessee isa qaba.
JOB 18:10 Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera; karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.
JOB 18:11 Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa; faana isaa buʼees isa ariʼa.
JOB 18:12 Badiisni afaan itti banateera; balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.
JOB 18:13 Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma; ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.
JOB 18:14 Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee gara mootii sodaatti geeffama.
JOB 18:15 Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata; dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.
JOB 18:16 Jalaan hiddi isaa ni goga; irraan immoo dameen isaa ni coollaga.
JOB 18:17 Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada; maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.
JOB 18:18 Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama; addunyaa irraas ni dhabama.
JOB 18:19 Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii, biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.
JOB 18:20 Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu; warri baʼaas sodaadhaan guutamu.
JOB 18:21 Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa; iddoon nama Waaqa hin beeknees kanuma taʼa.”
JOB 19:1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
JOB 19:2 “Isin hamma yoomiitti na dhiphistanii dubbiin na cabsitu?
JOB 19:3 Amma siʼa kudhan na arrabsitaniirtu; qaanii malees na miitaniirtu.
JOB 19:4 Yoo ani dhugumaan karaa irraa goree jiraadhe, dogoggorri koo anuma wajjin jiraata.
JOB 19:5 Yoo isin dhugumaan anaa olitti of guddiftanii na miidhuuf salphina kootti fayyadamtan,
JOB 19:6 akka Waaqni na miidhee kiyyoo isaa illee natti xaxe beekaa.
JOB 19:7 “ ‘Ani miidhameera!’ jedhee iyyadhu illee deebii hin argadhu; sagalee ol fudhadhee gargaarsaaf iyyus murtiin qajeelaan hin jiru.
JOB 19:8 Akka ani hin dabarreef inni karaa koo cufeera; daandii koottis dukkana haguugeera.
JOB 19:9 Ulfina koo narraa mulqeera; mataa koo irraas gonfoo fuudheera.
JOB 19:10 Inni hamma ani badutti gama hundaan na diiga; abdii koo illee akkuma mukaa buqqisa.
JOB 19:11 Dheekkamsi isaa natti bobaʼa; akkuma diina isaattis na heda.
JOB 19:12 Loltoonni isaa humnaan dhufanii naannoo kootti daʼannaa ijaarratan; dunkaana koos ni marsan.
JOB 19:13 “Inni obboloota koo narraa fageesseera; michoonni koos keessummaa natti taʼan.
JOB 19:14 Firoonni koo na dhiisaniiru; michuuwwan koos na dagataniiru.
JOB 19:15 Keessumoonni mana koo jiranii fi xomboreewwan koo akka alagaatti na ilaalan; akka nama ormaattis na hedan.
JOB 19:16 Hojjetaa koo nan waama; afaan kootiinis isa nan kadhadha; inni garuu na jalaa hin owwaatu.
JOB 19:17 Hafuurri koo niitii kootti illee jibbisiisaa dha; ani obboloota koottis xiraaʼaa dha.
JOB 19:18 Ijoolleen xixinnoon iyyuu na tuffatu; yommuu ani kaʼus natti qoosu.
JOB 19:19 Michoonni koo kanneen walitti dhiʼaannu hundi na balfan; warri ani jaalladhus natti garagalan.
JOB 19:20 Ani gogaa fi lafeedha malee homaa miti; gogaan ilkaanii qofti naaf hafeen jalaa baʼe.
JOB 19:21 “Garaa naa laafaa, yaa michoota koo garaa naa laafaa; harki Waaqaa na dhaʼeeraatii.
JOB 19:22 Isin maaliif akkuma Waaqni na ariʼu sana na ariitu? Amma illee foon koo isin hin geenyee?
JOB 19:23 “Maaloo utuu dubbiin koo barreeffamee jiraatee! Utuu kitaaba keessatti barreeffamee!
JOB 19:24 Utuu sibiilaan kattaa irratti barreeffamee yookaan bara baraan dhagaa irratti qirixamee jiraatee!
JOB 19:25 Ani akka furiin koo jiraataa taʼe, akka inni dhuma irratti lafa irra dhaabatus nan beeka.
JOB 19:26 Erga gogaan koo badee booddee, ani amma iyyuu foon kootiin Waaqa nan arga;
JOB 19:27 ani mataan koo isa nan arga; utuu nama biraa hin taʼin anuu ija kootiin isa nan arga. Onneen koo akkam na keessatti gaggabdi!
JOB 19:28 “Yoo isin, ‘Sababii hiddi rakkina sanaa isa keessa jiruuf nu akkamitti isa ariina?’ jettan,
JOB 19:29 sababii dheekkamsi goraadeedhaan adabamuu fiduuf isin mataan keessan goraadee sodaachuu qabdu; kunis akka isin akka murtiin jiru beektaniif.”
JOB 20:1 Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
JOB 20:2 “Waan ani akka malee jeeqameef, yaadni koo akka ani deebii kennu na kakaasa.
JOB 20:3 Ani dheekkamsa na qaanessu dhagaʼaan jira; qalbiin koos akka ani deebii kennu na kakaasa.
JOB 20:4 “Ati erga namni lafa irra kaaʼamee bara duriitii jalqabee wanni kun akkam akka ture ni beekta mitii?
JOB 20:5 Burraaquun jalʼootaa yeroo gabaabaaf tura; gammachuun warra Waaqaaf hin bullees akkuma liphsuu ijaa ti.
JOB 20:6 Of tuulummaan isaa samiiwwan gaʼee mataan isaa duumessawwan tuqus,
JOB 20:7 inni akkuma awwaaraa bara baraan bada; warri duraan isa arganis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu.
JOB 20:8 Inni akkuma abjuu fiigee bada; deebiʼees hin argamu; akkuma mulʼata halkaniis dafee dhabama.
JOB 20:9 Iji isaa argee ture deebiʼee isa hin argu; iddoon isaas siʼachi isa hin ilaalu.
JOB 20:10 Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu; harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba.
JOB 20:11 Jabinni dargaggummaa kan lafee isaa keessa guute sun, isa wajjin biyyoo keessa ciisa.
JOB 20:12 “Hamminni afaan isaa keessatti miʼaawee inni arraba isaa jala dhokfatu iyyuu,
JOB 20:13 inni afaanii baafatee gatuu jibbee afaanuma ofii isaa keessa turfatu iyyuu,
JOB 20:14 nyaanni isaa garaa isaa keessatti dhangaggaaʼa; isa keessattis hadhaa bofaa taʼa.
JOB 20:15 Inni qabeenya liqimse sana ni tufa; Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha.
JOB 20:16 Inni summii bofaa xuuxa; arrabni buutiis isa ajjeesa.
JOB 20:17 Inni laga yaaʼu, burqaa dammaatii fi dhadhaa hin argu.
JOB 20:18 Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa; buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu.
JOB 20:19 Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii; mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera.
JOB 20:20 “Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu; inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu.
JOB 20:21 Wanni inni nyaatu tokko iyyuu hin hafuuf; badhaadhummaan isaas itti fufee hin jiraatu.
JOB 20:22 Utuma inni waan hunda qabuu rakkinni isatti dhufa; dhiphinni cimaanis isa qabata.
JOB 20:23 Yeroo inni garaa isaa guutatutti, Waaqni dheekkamsa isaa sodaachisaa sana itti erga; dhaʼicha isaa illee itti roobsa.
JOB 20:24 Inni miʼa lolaa sibiilaa baqatu illee, xiyya naasiitu isa waraana.
JOB 20:25 Dudga isaa keessaa xiyya, tiruu isaa keessaa immoo fiixee calaqqisu buqqisa. Sodaan guddaan isa qabata;
JOB 20:26 dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata. Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa; waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa.
JOB 20:27 Samiiwwan balleessaa isaa saaxilu; laftis isatti kaati.
JOB 20:28 Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa, bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema.
JOB 20:29 Carraan Waaqni cubbamootaaf kennu, dhaalli Waaqni isaaniif qoodes kanuma.”
JOB 21:1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
JOB 21:2 “Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; kun waan isin ittiin na jajjabeessitan haa taʼu.
JOB 21:3 Yeroo ani dubbadhu naa obsaa; erga ani dubbadhee booddee isin natti qoosuu dandeessu.
JOB 21:4 “Dhugumaan kan ani komadhu namaa? Ani maaliif obsa hin dhabne ree?
JOB 21:5 Na ilaalaatii dinqisiifadhaa; harka keessanis afaan keessan irra kaaʼadhaa.
JOB 21:6 Ani yommuu waan kana yaadu nan sodaadha; hollannaanis na qabata.
JOB 21:7 Hamoonni maaliif itti fufanii lubbuun jiraatu? Maaliif dulloomanii humnas argachaa deemu?
JOB 21:8 Ijoolleen isaanii naannoo isaaniitti, sanyiin isaaniis fuula isaanii duratti jabaatanii dhaabatu.
JOB 21:9 Manni isaanii nagaa dha; waan sodaatu illee hin qabu; uleen Waaqaas isaan hin tuqxu.
JOB 21:10 Kormi isaanii dhalchuu hin dadhabu; saawwan isaanii ni dhalu; hin gatatanis.
JOB 21:11 Isaan ijoollee isaanii akkuma bushaayeetti bobbaasu; daaʼimman isaanii immoo ni burraaqu.
JOB 21:12 Dibbee fi kiraaraan sirbu; sagalee ululleetiinis ni gammadu.
JOB 21:13 Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu; nagaadhaanis ni awwaalamu.
JOB 21:14 Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi! Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu.
JOB 21:15 Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu? Nu isa kadhannee maal arganna?’
JOB 21:16 Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
JOB 21:17 “Garuu ibsaan hamootaa yoom iyyuu ni dhaamaa? Balaan yoom iyyuu isaanitti dhufaa? Waaqnis dheekkamsa isaatiin badiisa isaanitti fidaa?
JOB 21:18 Isaan akkuma cidii fuula qilleensaa duraa ti; akkuma habaqii bubbeen hamaan fudhatee deemuu ti.
JOB 21:19 Isin, ‘Waaqni balleessaa nama tokkoo ilmaan isaatiif kuusa’ jettu. Akka inni waan kana beekuuf Waaqni namichuma mataa isaatiif gatii isaa haa kennu!
JOB 21:20 Iji isaa badiisa isaa haa argu; inni xoofoo dheekkamsa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu haa dhugu.
JOB 21:21 Inni yeroo jiʼi isaaf qoodame dhumutti, waaʼee maatii isaa kan dhiisee biraa deemu sanaa dhimma maalii qabaata?
JOB 21:22 “Namni tokko iyyuu Waaqa beekumsa barsiisuu dandaʼaa? Waaqni ol aantotatti iyyuu ni muraatii.
JOB 21:23 Namni tokko utuma itti tolee nagaan jiraatuu, utuma humna guutuu qabuu,
JOB 21:24 utuma dhagni isaa gabbatee jiruu, utuma lafeen isaa dhukaan guutamee jiruu ni duʼa.
JOB 21:25 Namni biraa immoo utuu gammachuu tokko illee hin argin, jireenya hadhaaʼaa jiraachaa duʼa.
JOB 21:26 Isaan biyyoo keessa wal bira ciciisu; lachan isaaniittuu raammoon ni tuutaʼa.
JOB 21:27 “Ani yaada keessanii fi mala isin ittiin na miidhuu barbaaddan nan beeka.
JOB 21:28 Isin, ‘Manni namicha guddaa, dunkaanni namoonni hamoon keessa jiraatan amma eessa jira?’ jettu.
JOB 21:29 Isin namoota karaa deeman hin gaafannee? Waan isaan jedhanis hin qalbeeffannee?
JOB 21:30 Akka namni hamaan guyyaa balaa oolfamu, akka inni guyyaa dheekkamsaa illee baraaramu hin qalbeeffannee?
JOB 21:31 Namni fuuluma isaa dura dhaabatee hojii isaa itti himu eenyu? Namni gatii waan inni hojjetee baasuuf eenyu?
JOB 21:32 Inni gara awwaalaatti geeffama; awwaalli isaas ni eegama.
JOB 21:33 Biyyoon sulula keessaa isatti miʼaawa; namoonni hundi isa duukaa buʼu; namoonni akka malee baayʼeenis fuula isaa dura deemu.
JOB 21:34 “Yoos isin akkamiin waan faayidaa hin qabneen na jajjabeessuu dandeessu ree? Deebiin keessanis soba qofa!”
JOB 22:1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
JOB 22:2 “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa? Namni ogeessi iyyuu maal isa fayyada?
JOB 22:3 Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf gammachuu maalii kenna? Yoo karaan kee hirʼina qabaachuu baates inni buʼaa maalii argata?
JOB 22:4 “Wanni Waaqni sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf waan ati isa sodaattuufii?
JOB 22:5 Hamminni kee guddaa dha mitii? Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii?
JOB 22:6 Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta; namoota irraa uffata baaftee qullaa isaan hambifteerta.
JOB 22:7 Warra dadhaban bishaan hin obaafne; kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta;
JOB 22:8 namni humna qabu biyya qabaata; kan ulfina qabus keessa jiraata.
JOB 22:9 Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte; irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite.
JOB 22:10 Kanaafuu kiyyoon si marseera; sodaan tasaas si qabateera.
JOB 22:11 Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera; lolaan bishaaniis sirra garagala.
JOB 22:12 “Waaqni samii keessa ol fagoo jiraata mitii? Inni urjiiwwan ol fagoo jiran illee hammam akka ol fagaatan of jalatti gad ilaala!
JOB 22:13 Ati garuu akkana jetta; ‘Waaqni maal beeka? Inni dukkana akkasii keessatti murtii kennaa?
JOB 22:14 Yommuu inni bantii samii irra deemu, akka inni nu hin argineef duumessi gobbuun isa haguuga.’
JOB 22:15 Ati daandii durii kan namoonni hamoon irra deeman duukaa buutaa?
JOB 22:16 Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman; hundeen isaanis lolaadhaan haxaaʼame.
JOB 22:17 Isaanis Waaqaan, ‘Nu dhiisi! Waaqni Waan Hunda Dandaʼu maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhan.
JOB 22:18 Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
JOB 22:19 Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu; warri balleessaa hin qabnes akkana jedhanii isaanitti qoosu;
JOB 22:20 ‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru; qabeenya isaaniis ibiddi barbadeesseera.’
JOB 22:21 “Waaqaan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu; haala kanaanis wanni gaariin siif dhufa.
JOB 22:22 Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu; dubbii isaa illee garaatti qabadhu.
JOB 22:23 Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, ati ni haaromfamta; yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee
JOB 22:24 warqee kee biyyoo keessa buufte, yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte,
JOB 22:25 yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee, meetii filatamaas siif taʼa.
JOB 22:26 Ati yeroo sanatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda; fuula kees gara Waaqaatti ol qabatta.
JOB 22:27 Ati isa kadhatta; inni si dhagaʼa; ati immoo wareega kee ni baafatta.
JOB 22:28 Wanni ati murteessite ni taʼa; ifnis karaa kee irratti ni ifa.
JOB 22:29 Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta; innis warra gad qabaman ni baraara.
JOB 22:30 Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha; ati qulqullummaa harka keetiitiin furamta.”
JOB 23:1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
JOB 23:2 “Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha; yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera.
JOB 23:3 Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee, utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee!
JOB 23:4 Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee afaan koo falmiin guuttadha ture.
JOB 23:5 Waan inni naa deebisu nan beekan ture; waan inni naan jedhus nan hubadhan ture.
JOB 23:6 Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa? Lakki, na dhaggeeffata malee.
JOB 23:7 Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata; anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa.
JOB 23:8 “Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru; ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu.
JOB 23:9 Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu; yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu.
JOB 23:10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.
JOB 23:11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera; ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.
JOB 23:12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.
JOB 23:13 “Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata; kan isaan mormuu dandaʼu eenyu? Inni waanuma jaallatu hojjeta.
JOB 23:14 Inni waan natti mure ni raawwata; amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba.
JOB 23:15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma; ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha.
JOB 23:16 Waaqni garaa koo ni raase; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise.
JOB 23:17 Haa taʼu malee dukkanni, dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.
JOB 24:1 “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine? Warri isa beekan maaliif akkasumaan guyyoota isaa hin argine?
JOB 24:2 Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu; bushaayee hataniis ni bobbaasu.
JOB 24:3 Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu; sangaa haadha hiyyeessaa qabdii fudhatu.
JOB 24:4 Rakkataa karaa irraa balleessu; hiyyeeyyiin biyyaa hundis isaan jalaa dhokatu.
JOB 24:5 Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa nyaata barbaacha asii fi achi jooru; gammoojjii sana keessaas ijoollee isaaniitiif nyaata kenna.
JOB 24:6 Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu; iddoo dhaabaa wayinii nama hamaa irraas qarmii funaannatu.
JOB 24:7 Uffata dhabanii halkan qullaa bulu; waan dhaamocha keessatti uffatan tokko illee hin qaban.
JOB 24:8 Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru; waan itti daʼatan illee dhabanii kattaa hammatu.
JOB 24:9 Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera; daaʼimni hiyyeessaa qabdii kennameera.
JOB 24:10 Isaan uffata dhabanii qullaa deemu; bissii baatu; garuu ni beelaʼu.
JOB 24:11 Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu; wayinii cuunfu; garuu ni dheebotu.
JOB 24:12 Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama; lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti. Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu.
JOB 24:13 “Warri ifatti fincilan kanneen daandii isaa hin beekne yookaan daandii ifaa irra hin jiraanne jiru.
JOB 24:14 Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa; innis hiyyeeyyii fi rakkattoota ni ajjeesa; halkan immoo akkuma hattuu taʼa.
JOB 24:15 Iji ejjaan dimimmisa eeggata; innis, ‘Iji na argu hin jirtu’ jedha; fuula isaas ni dhokfata.
JOB 24:16 Namoonni dukkana keessa mana cabsanii seenu; guyyaa garuu ofitti cufanii oolu; isaan ifa hin beekan.
JOB 24:17 Hunda isaaniitiif, dukkanni guddaan barii isaanii ti; isaan sodaa dukkana guddaatti michoomu.
JOB 24:18 “Taʼus isaan hoomacha bishaan gubbaa ti; akka namni tokko iyyuu gara iddoo dhaabaa wayinii hin dhaqneef, qoodni lafa isaanii abaarameera.
JOB 24:19 Akkuma hoʼii fi hoongeen cabbii baqee xuuxee fixu, awwaalli namoota cubbuu hojjetan ni butata.
JOB 24:20 Gadameessi isaan irraanfata; raammoonnis itti duuddee isaan nyaatti; namoonni hamoon akkuma mukaa ni caccabu; siʼachis hin yaadataman.
JOB 24:21 Isaan dubartii dhabduu ni saamu; haadha hiyyeessaatiif illee garaa hin laafan.
JOB 24:22 Waaqni garuu humna isaatiin jajjaboota alatti harkisa; isaan ol kaʼu; garuu wabii jireenyaa hin qaban.
JOB 24:23 Inni akka isaan waan nagaan jiraatan seʼaniif ittuma dhiisuu dandaʼa; iji isaa garuu karaa isaanii ni toʼata.
JOB 24:24 Isaan yeroo xinnoof mataa ol qabatu; ergasii immoo ni badu; gad deebifamaniis akkuma warra kaanii walitti qabamu; akkuma mataa midhaaniis ni muramu.
JOB 24:25 “Yoo kun akkas taʼuu baate eenyutu sobduu na godhee dubbii koo busheessa?”
JOB 25:1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
JOB 25:2 “Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti; inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.
JOB 25:3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu? Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?
JOB 25:4 Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree? Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?
JOB 25:5 Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne, yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
JOB 25:6 namni raammoo foonii taʼe, ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”
JOB 26:1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
JOB 26:2 “Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte! Irree laafes hammam jajjabeessite!
JOB 26:3 Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite! Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!
JOB 26:4 Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare? Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?
JOB 26:5 “Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.
JOB 26:6 Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira; badiisnis waan isa dhoksu hin qabu.
JOB 26:7 Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa; lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.
JOB 26:8 Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba; duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.
JOB 26:9 Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan fuula jiʼaa ni haguuga.
JOB 26:10 Inni fuula bishaanotaa irratti, ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.
JOB 26:11 Utubaawwan samii ni hollatu; dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.
JOB 26:12 Inni humna isaatiin galaana ni raasa; ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.
JOB 26:13 Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse; harki isaas bofa shawwisaa waraane.
JOB 26:14 Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa; hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha! Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”
JOB 27:1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
JOB 27:2 “Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,
JOB 27:3 hamma lubbuun na keessa jirtutti, hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti,
JOB 27:4 afaan koo hammina hin dubbatu; arrabni koos nama hin gowwoomsu.
JOB 27:5 Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.
JOB 27:6 Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu; bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.
JOB 27:7 “Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo akka nama jalʼaa haa taʼu!
JOB 27:8 Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti, namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba?
JOB 27:9 Yeroo rakkinni isatti dhufutti, Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa?
JOB 27:10 Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa? Yeroo hundas Waaqa waammataa?
JOB 27:11 “Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa; waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.
JOB 27:12 Hundi keessan waan kana argitaniirtu; yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?
JOB 27:13 “Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:
JOB 27:14 Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata; sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.
JOB 27:15 Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala; niitonni isaaniis hin booʼaniif.
JOB 27:16 Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,
JOB 27:17 waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.
JOB 27:18 Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti; akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.
JOB 27:19 Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu; yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.
JOB 27:20 Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala; bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.
JOB 27:21 Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata; innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.
JOB 27:22 Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata; bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.
JOB 27:23 Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa; afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”
JOB 28:1 Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.
JOB 28:2 Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.
JOB 28:3 Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.
JOB 28:4 Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.
JOB 28:5 Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;
JOB 28:6 dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba.
JOB 28:7 Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine.
JOB 28:8 Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine.
JOB 28:9 Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.
JOB 28:10 Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.
JOB 28:11 Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa.
JOB 28:12 Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata?
JOB 28:13 Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.
JOB 28:14 Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha.
JOB 28:15 Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.
JOB 28:16 Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.
JOB 28:17 Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.
JOB 28:18 Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala.
JOB 28:19 Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.
JOB 28:20 Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti?
JOB 28:21 Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti.
JOB 28:22 Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu.
JOB 28:23 Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka;
JOB 28:24 inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii.
JOB 28:25 Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti,
JOB 28:26 yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti,
JOB 28:27 inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate.
JOB 28:28 Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.
JOB 29:1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
JOB 29:2 “Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana akkamin hawwa ture,
JOB 29:3 yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin dukkana keessa darbee yeroon deeme,
JOB 29:4 yeroo ani nama jabaa ture, yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise,
JOB 29:5 yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture, yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan,
JOB 29:6 yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame, yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase.
JOB 29:7 “Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe,
JOB 29:8 dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru; maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture;
JOB 29:9 hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture;
JOB 29:10 sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture; arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture.
JOB 29:11 Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja; kanneen na arganis na galateeffatu ture;
JOB 29:12 ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.
JOB 29:13 Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera; ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.
JOB 29:14 Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera; murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture.
JOB 29:15 Ani nama jaameef ija, okkolaaf immoo miilla taʼeen ture.
JOB 29:16 Ani rakkataadhaaf abbaan ture; nama ormaatiif illee nan falman ture.
JOB 29:17 Qarriffaa nama hamaa nan cabse; waan inni qabates afaan isaatii buuseera.
JOB 29:18 “Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa; barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata.
JOB 29:19 Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba; fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula.
JOB 29:20 Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata; iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’
JOB 29:21 “Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa abdiidhaan na dhaggeeffatu.
JOB 29:22 Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne; dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture.
JOB 29:23 Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan; dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan.
JOB 29:24 Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne; ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture.
JOB 29:25 Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe; akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe; ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.
JOB 30:1 “Amma garuu warri umuriidhaan naa gadii, kanneen ani abbootii isaanii saroota hoolota koo tiksitu wajjin iyyuu madaaluu tuffadhe, kunoo natti qoosu.
JOB 30:2 Warra humna dhaban, jabinni irree isaanii maal na fayyada?
JOB 30:3 Isaan rakkinaa fi beelaan laafan; lafa gogaa keessa, gammoojjii namni keessa hin jiraanne keessa halkaniin jooran.
JOB 30:4 Daggala keessaa biqiltuu soogiddaa funaannatan; nyaanni isaaniis hidda mukaa kan hin miʼoofne ture.
JOB 30:5 Isaan namoota gidduudhaa ariʼaman; namoonnis akkuma waan hattuutti iyyaniitti itti iyyan.
JOB 30:6 Isaan akka laga gogaa keessa, kattaa gidduu fi boolla lafaa keessa jiraataniif dirqamaman.
JOB 30:7 Bosona keessatti ni halaaku; daggala keessattis walitti tuutaʼu.
JOB 30:8 Isaan gowwoota maqaa hin qabne, kanneen biyyaa ariʼaman turan.
JOB 30:9 “Amma ilmaan isaanii sirba natti baafatan; ani isaan gidduutti waan kolfaa taʼeera.
JOB 30:10 Isaan xireeffatanii narraa fagaatan; fuula kootti tufuu irraas duubatti hin deebiʼan.
JOB 30:11 Sababii Waaqni iddaa koo laafisee gad na deebiseef, isaan fuula koo duratti luugama baafatan.
JOB 30:12 Karaa mirga kootiin addaggeewwan kaʼaniiru; miilla kootiif kiyyoo kaaʼaniiru; biyyoos akka dallaa natti naannessan.
JOB 30:13 Isaan karaa koo natti cufu; na galaafachuufis ni milkaaʼu; namni isaan dhowwu tokko iyyuu hin jiru.
JOB 30:14 Akkuma nama qaawwa balʼaan dhufuutti, ona diigamaa keessa gangalachaa natti dhufu.
JOB 30:15 Sodaan na liqimseera; ulfinni koo akkuma waan bubbeedhaan fudhatamuutti narraa fudhatameera; badhaadhummaan koos akkuma duumessaa bada.
JOB 30:16 “Amma lubbuun koo na keessatti dhumteerti; barri rakkinaas na qabateera.
JOB 30:17 Halkan keessa lafeen koo ni waraanama; dhukkubbiin na nyaatus natti hin furu.
JOB 30:18 Waaqni humna jabaadhaan uffata koo qabeera; akkuma morma wayyaa kootti hudhee na qabeera.
JOB 30:19 Inni darbatee dhoqqee keessa na buusa; anis akkuma biyyoo fi daaraa taʼeera.
JOB 30:20 “Yaa Waaqi, ani sitti nan iyyadha; ati garuu deebii naa hin kennitu; ani nan dhaabadha; ati garuu calʼistee na ilaalta.
JOB 30:21 Ati gara jabinaan natti garagalta; irree kee jabaadhaanis na dhoofta.
JOB 30:22 Ol na buttee fuula bubbee dura na oofta; bubbee hamaa keessas asii fi achi na aata.
JOB 30:23 Ani akka ati gara duʼaatti, gara mana warra lubbuun jiraatan hundaaf ramadameetti na geessitu nan beeka.
JOB 30:24 “Dhuguma iyyuu yeroo inni rakkatee gargaarsa barbaachaaf iyyutti, namni harka isaa isa irra kaaʼu tokko iyyuu hin jiru.
JOB 30:25 Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee? Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee?
JOB 30:26 Garuu utuu ani waan gaarii abdadhuu, wanni hamaan natti dhufe; utuu ani ifa eeggadhuus, dukkanni natti dhufe.
JOB 30:27 Keessi koo jeeqamaa jira; gonkumaa hin qabbanoofne; barri gidiraas natti dhufeera.
JOB 30:28 Ani jajjabina dhabee asii fi achi deemee nan booʼa; waldaa keessa dhaabadhees gargaarsaaf nan iyya.
JOB 30:29 Ani obboleessa waangoo, michuu urunguus taʼeera.
JOB 30:30 Gogaan koo gurraachaʼee qolli irraa kaʼeera; dhagni koos hoʼaan bobaʼeera.
JOB 30:31 Baganaan koo booʼichaaf, ululleen koo immoo sagalee iyyaatiif qopheeffameera.
JOB 31:1 “Ani ija koo wajjin kakuu galeera; yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?
JOB 31:2 Carraan namni Waaqa samii biraa qabu, dhaalli inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu maali?
JOB 31:3 Hamootaaf badiisa, warra jalʼina hojjetaniif immoo dhaʼicha mitii?
JOB 31:4 Inni karaa koo hin arguu? Tarkaanfii koo hundas hin lakkaaʼuu?
JOB 31:5 “Yoo ani karaa sobaa irra deemee yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate,
JOB 31:6 Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu; akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku;
JOB 31:7 yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree, garaan koo waan iji koo argu duukaa buʼee jiraate yookaan yoo harki koo xuraaʼee jiraate,
JOB 31:8 waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu; midhaan koos haa buqqifamu.
JOB 31:9 “Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate, yookaan yoo ani balbala ollaa koo jalatti riphee eeggadhe,
JOB 31:10 niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu; namoonni biraas ishee wajjin haa ciisan.
JOB 31:11 Kun hammina; kan abbaa murtiitiinis adabamuu qabuu dha.
JOB 31:12 Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha; midhaan ani qabu hundas gubee balleessa ture.
JOB 31:13 “Yoo ani yeroo isaan na himatanitti, tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe,
JOB 31:14 yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha? Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa?
JOB 31:15 Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii? Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii?
JOB 31:16 “Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe, yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe,
JOB 31:17 yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin kophaa koo nyaadhee jiraadhe,
JOB 31:18 ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise; dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise.
JOB 31:19 Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu, yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee
JOB 31:20 sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef, yoo garaan isaa na hin eebbisin,
JOB 31:21 yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe,
JOB 31:22 irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu; irreen koo buusaa isaatti haa cabu.
JOB 31:23 Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye.
JOB 31:24 “Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan, ‘Ati irkoo koo ti’ jedhee jiraadhe,
JOB 31:25 yoo ani qabeenya koo guddaatti, milkaaʼina harki koo argatetti gammadee jiraadhe,
JOB 31:26 yoo ani aduu iftu argee yookaan jiʼa miidhaginaan deemu ilaalee kabajee,
JOB 31:27 akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee afaan koo harka koo dhungatee jiraate,
JOB 31:28 wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha; ani Waaqa samiitiif hin amanamne tureetii.
JOB 31:29 “Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee yookaan rakkina isa irra gaʼeef ililchee jiraadhe,
JOB 31:30 ani jireenya isaa abaaruudhaan akka afaan koo cubbuu hojjetu hin eeyyamne.
JOB 31:31 Yoo namoonni mana koo jiraatan, takkumaa, ‘Eenyutu buddeena mana Iyyoob nyaatee hin quufin?’ hin jedhin,
JOB 31:32 sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef, keessummaan kam iyyuu ala hin bulu ture.
JOB 31:33 Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee cubbuu koos dhokfadhee jiraadhe,
JOB 31:34 ani waldaa guddaa sodaadhee yookaan tuffiin gosaa na naasisee, calʼisee gad baʼuu dhiiseeraa?
JOB 31:35 “Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee! Ani mallattoo falmii koo nan mallatteessa; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu deebii naaf haa kennu; himataan koo dubbii isaa barreeffamaan haa dhiʼeeffatu.
JOB 31:36 Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha; akka gonfoottis mataa irra nan kaaʼadhan ture.
JOB 31:37 Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima; akkuma ilma mootiittis isatti nan dhiʼaadhan ture.
JOB 31:38 “Yoo lafti koo natti iyyitee boʼoon ishee hundinuu imimmaaniin jiidhe,
JOB 31:39 yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe, yookaan akka hojjettoonni isaa lubbuu isaanii dhaban godhee jiraadhe,
JOB 31:40 qooda qamadii qoraattiin, qooda garbuus aramaan itti haa biqilu.” Dubbiin Iyyoob xumurame.
JOB 32:1 Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan.
JOB 32:2 Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare.
JOB 32:3 Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare.
JOB 32:4 Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture.
JOB 32:5 Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.
JOB 32:6 Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe: “Ani umuriidhaan xinnaa dha; isin garuu jaarsolii dha; kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu nan saalfadhe; nan sodaadhes.
JOB 32:7 Ani, ‘Umuriin ni dubbata; barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture.
JOB 32:8 Garuu hafuura nama keessa jiru, hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.
JOB 32:9 Ogeessi jaarsa qofa miti; kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti.
JOB 32:10 “Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa; anis waanan beeku isinitti nan hima.
JOB 32:11 Ani yeroo isin dubbattan nan obse; yeroo isin jechoota filattanitti illee ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe;
JOB 32:12 ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe. Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore Iyyoobin hin amansiifne; namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine.
JOB 32:13 Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra; nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa.
JOB 32:14 Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne; anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu.
JOB 32:15 “Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban; dubbiinis isaan harkaa badde.
JOB 32:16 Erga isaan calʼisanii, erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, ani eeguun qabaa?
JOB 32:17 Ani deebii koo nan kenna; waanan beeku nan hima.
JOB 32:18 Dubbiin na keessa guuteeraatii; hafuurri na keessa jirus na kakaasa;
JOB 32:19 garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee, akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii.
JOB 32:20 Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba; afaan koo banadhees deebii kennuun qaba.
JOB 32:21 Ani nama wal hin caalchisu; yookaan nama tokko iyyuu hin saadu.
JOB 32:22 Utuu ani nama saaduu beekee, Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.
JOB 33:1 “Yaa Iyyoob amma garuu ati dubbii koo dhaggeeffadhu; waan ani jedhu hundas dhagaʼi.
JOB 33:2 Kunoo ani afaan koo nan banadha; dubbiin koos fiixee arraba kootii irra jira.
JOB 33:3 Dubbiin koo garaa qajeelaa keessaa baʼa; hidhiin koos waan ani beeku ifatti baasee dubbata.
JOB 33:4 Hafuura Waaqaatu na uume; hafuurri Waaqni Waan Hunda Dandaʼu baafatus jireenya naa kenna.
JOB 33:5 Egaa yoo dandeesse deebii naa kenni; qophaaʼiitii fuula koo dura dhaabadhu.
JOB 33:6 Ani fuula Waaqaa duratti namuma akka keetii ti; anis biyyoo irraan hojjetame.
JOB 33:7 Ati na sodaattee hin raafamin; harki koos sitti hin ulfaatin.
JOB 33:8 “Dhugumaan ati utuma ani dhagaʼuu dubbatteerta; anis dubbii kee dhagaʼeera.
JOB 33:9 Ati akkana jetta: ‘Ani qulqulluu dha; cubbuu illee hin qabu; ani balleessaa hin qabu; yakka illee hin hojjenne.
JOB 33:10 Waaqni garuu balleessaa narratti argeera; akka diina isaattis na ilaaleera.
JOB 33:11 Miilla koo gudeelcha gidduu galchee hidha; karaa koo hundas ni eega.’
JOB 33:12 “Garuu ani sitti nan hima; kana irratti ati qajeelaa miti; Waaqni nama caalaa guddaadhaatii.
JOB 33:13 Ati maaliif akka waan inni dubbii namaatiif deebii hin kennineetti isatti guungumta?
JOB 33:14 Namni hubachuu baattu iyyuu, Waaqni karaa tokkoonis, karaa biraatiinis ni dubbata.
JOB 33:15 Inni utuma isaan siree isaanii irra ciisanuu, yeroo hirribni cimaan isaan qabutti, abjuudhaan, mulʼata halkaniitiinis,
JOB 33:16 gurra isaaniitti ni dubbata; of eeggachiisaanis isaan rifachiisa;
JOB 33:17 jalʼina irraa nama deebisuuf, of jajuu irraas isa dhowwuuf,
JOB 33:18 lubbuu isaa boolla irraa, jireenya isaas goraadeedhaan baduu irraa oolchuudhaaf.
JOB 33:19 “Namni tokko dhiphina lafee isaa keessaa kan gargar hin cinneen, siree dhiphinaa irratti ni adabama taʼa;
JOB 33:20 kanaafuu jireenyi isaa nyaata jibba; lubbuun isaas nyaata filatamaa balfiti.
JOB 33:21 Foon isaa nyaatamee dhuma; lafeen isaa kan duraan dhokatee ture sun alatti yaaʼa.
JOB 33:22 Lubbuun isaa gara boollaatti, jireenyi isaas ergamoota duʼaatti dhiʼaata.
JOB 33:23 Taʼus yoo kuma keessaa ergamaan Waaqayyoo tokko akka itti qajeelaa taʼan isaanitti himuuf, ergamaan Waaqaa isaanii dhaabatee jiraate,
JOB 33:24 yoo namichaaf garaa laafee ‘Boolla buʼuu irraa isa oolche; ani furii isaaf argeen jira’ jedhe,
JOB 33:25 dhagni isaa akkuma dhagna daaʼimaatti haaromfama; akka bara dargaggummaa isaattis ni deebiʼa.
JOB 33:26 Inni Waaqa ni kadhata; isa birattis fudhatama argata; fuula Waaqaa ni arga; ni ililchas; Waaqnis gara qajeelummaa isaa kan duriitti isa ni deebisa.
JOB 33:27 Ergasiis gara namootaa dhufee akkana jedha; ‘Ani cubbuu hojjedheera; waan qajeelaas jalʼiseera; garuu waan naa malu hin arganne.
JOB 33:28 Inni akka isheen boolla hin buuneef lubbuu koo fureera; anis jiraadhee ifa nan arga.’
JOB 33:29 “Waaqni waan kana hunda yeroo lama, yeroo sadii iyyuu namaaf ni godha.
JOB 33:30 Kanas akka ifni jireenyaa isaaf ifuuf, lubbuu isaas boolla irraa deebisuuf godha.
JOB 33:31 “Yaa Iyyoob qalbeeffadhuutii na dhaggeeffadhu; ati calʼisi; ani nan dubbadhaa.
JOB 33:32 Yoo waan jettu tokko illee qabaatte deebii naa kenni; dubbadhu, ani akka ati qajeelaa taate mirkaneessuu nan barbaadaatii.
JOB 33:33 Yoo akkas taʼuu baate garuu na dhaggeeffadhu; calʼisi, anis ogummaa sin barsiisaa.”
JOB 34:1 Eliihuun akkana jedhe:
JOB 34:2 “Yaa ogeeyyii, dubbii koo dhagaʼaa; beektonnis na dhaggeeffadhaa.
JOB 34:3 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, gurris dubbii calalaatii.
JOB 34:4 Waan qajeelaa taʼe ofii keenyaaf haa filannu; waan gaariis tokkummaadhaan haa barannu.
JOB 34:5 “Iyyoob akkana jedha; ‘Ani qajeelaa dha; Waaqni garuu murtii qajeelaa narraa fudhate.
JOB 34:6 Ani utuman nama dhugaa taʼee jiruu, akka sobduuttin herregame; ani yakka qabaachuu baadhu illee xiyyi isaa madaa hin fayyineen na madeesseera.’
JOB 34:7 Namni akka bishaaniitti tuffii dhugu, kan akka Iyyoob eenyu?
JOB 34:8 Inni warra hammina hojjetu wajjin walii gala; jalʼoota wajjinis tokkummaa qabaata.
JOB 34:9 Inni, ‘Waaqa gammachiisuu yaaluun, namaaf faayidaa tokko iyyuu hin qabu’ jedhaatii.
JOB 34:10 “Kanaafuu isin yaa hubattoota, na dhagaʼaa. Waan hamaa hojjechuun Waaqa irraa, dogoggoruunis Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa haa fagaatu.
JOB 34:11 Inni namaaf akkuma hojii isaatti gatii ni kenna; waan karaa isaatiif malus itti fida.
JOB 34:12 Dhugumaan Waaqni hammina hin hojjetu; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu murtii qajeelaa hin jalʼisu.
JOB 34:13 Eenyutu lafa irratti isa muude? Eenyutus addunyaa guutuu isatti kenne?
JOB 34:14 Utuu inni hafuura isaa deebisee fudhatee, hafuura baafatu illee gara ofii isaatti deebifatee,
JOB 34:15 silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada; namnis biyyootti deebiʼa ture.
JOB 34:16 “Ati yoo hubannaa qabaatte waan kana dhagaʼi; waan ani jedhus dhaggeeffadhu.
JOB 34:17 Namni murtii qajeelaa jibbu bulchuu dandaʼaa? Atis isa qajeelaa fi humna qabeessa sanatti murtaa?
JOB 34:18 Kan moototaan, ‘Isin faayidaa hin qabdan;’ jedhee qondaaltotaanis, ‘Isin hamoo dha’ jedhu isa mitii?
JOB 34:19 Inni ilmaan moototaatiif illee hin looguu; sooreyyii fi hiyyeeyyii wal hin caalchisu; hundi isaanii hojii harka isaatii.
JOB 34:20 Isaan halkan walakkaa tasa duʼu; namoonni hollatanii dhumu; jajjaboonnis utuma harki namaa isaan hin tuqin ni badu.
JOB 34:21 “Iji isaa karaa namootaa irra jira; inni tarkaanfii isaanii hunda ni arga.
JOB 34:22 Iddoon warri waan hamaa hojjetan itti dhokatan, dukkanni yookaan gaaddisni guddaan hin jiru.
JOB 34:23 Akka inni murtiidhaaf fuula isaa duratti dhiʼaatuuf, Waaqni nama kam iyyuu hin beellamu.
JOB 34:24 Inni gaaffii tokko malee namoota jajjaboo ni burkuteessa; warra biraa immoo iddoo isaanii ni kaaʼa.
JOB 34:25 Inni sababii hojii isaanii beekuuf, halkan keessa isaan garagalcha; isaanis ni barbadaaʼu.
JOB 34:26 Sababii jalʼina isaaniitiifis inni iddoo namni hundi argutti isaan adaba;
JOB 34:27 kunis waan isaan isa duukaa buʼuu irraa garagalanii karaa isaa hunda dhiisaniif.
JOB 34:28 Isaan akka inni iyya rakkattootaa dhagaʼuuf, akka iyyi hiyyeeyyii fuula isaa duratti dhagaʼamu godhaniiru.
JOB 34:29 Yoo inni calʼise garuu, eenyutu isatti muruu dandaʼa? Yoo inni fuula isaa dhokfates eenyutu isa arguu dandaʼa? Taʼus inni namaa fi saba illee ni toʼata;
JOB 34:30 kunis akka namni Waaqaaf hin bulle mootii hin taanee fi akka isaan sabaaf kiyyoo hin keenyeefii dha.
JOB 34:31 “Namni tokko Waaqaan akkana jedha haa jennu; ‘Ani yakka hojjedheera; garuu itti hin deebiʼu.
JOB 34:32 Waan ani arguu hin dandeenye na barsiisi; ani yoon dogoggora hojjedhee jiraadhe, lammata itti hin deebiʼu.’
JOB 34:33 Waaqni sababii ati qalbii jijjiirrachuu didduuf akkuma yaada keetiitti gatii siif baasaa? Situ murteessuu qaba malee ana miti; kanaafuu ati waan beektu natti himi.
JOB 34:34 “Namoonni hubannaa qaban ni dubbatu; namoonni ogeeyyiin na dhagaʼanis akkana jedhu;
JOB 34:35 ‘Iyyoob beekumsa malee dubbata; dubbiin isaas hubannaa cimaa hin qabu.’
JOB 34:36 Iyyoob sababii akka nama hamaatti deebii kenneef maaloo utuu hamma dhumaatti qoramee jiraatee!
JOB 34:37 Inni cubbuu isaa irratti fincila dabala; tuffiidhaan gidduu keenyatti harka dhaʼa; Waaqa irrattis waan baayʼee dubbata.”
JOB 35:1 Eliihuunis itti fufee akkana jedhe:
JOB 35:2 “Ati waan kana qajeelaa seetaa? Ati, ‘Ani fuula Waaqaa duratti qajeelaa dha’ jetta.
JOB 35:3 Ati, ‘Wanni kun faayidaa maalii naa qaba? Ani cubbuu hojjechuu dhiisuudhaan maalin argadha?’ jettee gaafatta.
JOB 35:4 “Ani siʼii fi michoota kee kanneen si wajjin jiraniif deebii kennuu nan barbaada.
JOB 35:5 Ol jedhiitii samiiwwan ilaali; duumessoota siin ol jiranis argi.
JOB 35:6 Ati yoo cubbuu hojjette maal isa miita? Cubbuun kees yoo baayʼate maal isa godha?
JOB 35:7 Ati yoo qajeelaa taate, maal isaaf kennita? Yookaan inni harka kee irraa maal argata?
JOB 35:8 Hamminni kee nama akka keetii qofa miidha; qajeelummaan kees ilmaan namaa qofa fayyada.
JOB 35:9 “Waan cunqursaan itti hammaatteef namoonni ni iyyu; irree humna qabeessaa jalaa baʼuufis gargaarsaaf wawwaatu.
JOB 35:10 Garuu namni tokko iyyuu akkana hin jedhu; ‘Waaqni Uumaan koo, inni halkaniin faarfannaa namaa kennu,
JOB 35:11 kan bineensota lafa irraa caalaa beektota, simbirroo samii caalaas ogeeyyii nu godhu eessa jira?’
JOB 35:12 Inni sababii of tuulummaa jalʼootaatiif yommuu namoonni iyyanitti deebii hin kennu.
JOB 35:13 Dhugumaan Waaqni iyya isaanii kan gatii hin qabne sana hin dhaggeeffatu; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu iyya sanaaf gurra hin kennu.
JOB 35:14 Yoo ati, ‘Dubbiin koo fuula isaa dura jira; ani isa eeggachaan jira; garuu isa arguu hin dandaʼu’ jette, inni hammam kanaa gad iyyuu xinneessee haa dhagaʼu ree!
JOB 35:15 Amma illee sababii dheekkamsi isaa nama hin adabneef, sababii inni balleessaa namaa akka waan guddaa tokkootti hin fudhanneef,
JOB 35:16 Iyyoob oduu faayidaa hin qabneen afaan bana; beekumsa malees dubbii baayʼisa.”
JOB 36:1 Eliihuun ittuma fufee akkana jedhe:
JOB 36:2 “Ani akka qooda Waaqaa wanni jedhamu hedduun jiru sitti nan argisiisaatii mee xinnoo naa obsi.
JOB 36:3 Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida; qajeelummaa Uumaa kootiis nan labsa.
JOB 36:4 Akka dubbiin koo soba hin taʼin mirkaneeffadhu; kan beekumsaan hirʼina hin qabne tokko si wajjin jira.
JOB 36:5 “Waaqni jabaa dha; garuu eenyun iyyuu hin tuffatu; inni jabaa dha; kaayyoo isaattis cimee dhaabata.
JOB 36:6 Inni hamoota hin jiraachisu; warra rakkataniif garuu murtii qajeelaa ni kenna.
JOB 36:7 Ija isaa qajeeltota irraa hin buqqifatu; mootota wajjin teessoo irra isaan teessisa; bara baraanis ol isaan guddisa.
JOB 36:8 Garuu yoo namoonni foncaadhaan hidhaman, yoo funyoo rakkinaatiinis hidhaman,
JOB 36:9 inni hojii isaanii, daba isaan of tuulummaan hojjetanis isaanitti ni hima.
JOB 36:10 Inni gurra isaanii sirreeffama dhaggeeffachuuf ni bana; akka isaan waan hamaa irraa qalbii jijjiirratanis ni ajaja.
JOB 36:11 Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan, bara jireenya isaanii badhaadhummaan, umurii isaaniis gammachuudhaan fixatu.
JOB 36:12 Yoo ajajamuu baatan garuu, goraadeedhaan badu; beekumsa malees ni duʼu.
JOB 36:13 “Warri garaan isaanii Waaqa irraa fagaate, aarii of keessatti kuufatu; yommuu inni foncaan isaan hidhutti illee gargaarsa barbaachaaf hin iyyan.
JOB 36:14 Isaan dargaggummaa isaanii keessa duʼu; jireenyi isaaniis xuraaʼota gidduutti bada.
JOB 36:15 Inni garuu warra dhiphatan dhiphina isaanii keessaa baasa; rakkoo isaanii keessattis isaanitti dubbata.
JOB 36:16 “Inni dhiphina keessaa si baasee gara lafa balʼaa dhiphina hin qabneetti, maaddii coomaan guutametti si geessa.
JOB 36:17 Amma garuu murtiin hamootaaf malu sirra tuulameera; murtii fi haqni si qabataniiru.
JOB 36:18 Akka badhaadhummaan si hin gowwoomsine of eeggadhu; akka baayʼinni mattaʼaas karaa irraa si jalʼisu hin godhin.
JOB 36:19 Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi rakkoo irraa si eeguu dandaʼaa?
JOB 36:20 Halkan itti namoonni mana isaaniitii buqqifaman hin hawwin.
JOB 36:21 Ati akka hamminatti hin deebine of eeggadhu; qooda rakkinaa waan kana filatteertaatii.
JOB 36:22 “Kunoo Waaqni humna isaatiin ol ol jedheera; barsiisaan akka isaa eenyu?
JOB 36:23 Namni karaa isatti himu, yookaan kan, ‘Ati dogoggorteerta’ isaan jedhu eenyu?
JOB 36:24 Hojii isaa kan namoonni faarfannaadhaan jajan sana, leellisuu hin dagatin.
JOB 36:25 Namni hundinuu argeera; tokkoon tokkoon namaas fagootti xiyyeeffatee ilaala.
JOB 36:26 Dhugumaan Waaqni guddaa dha; nus isa hin beeknu; baayʼina bara isaas namni beekuu hin dandaʼu.
JOB 36:27 “Inni copha bishaanii ol baasa; hurrii isaas walitti qabee bokkaatti geeddara.
JOB 36:28 Duumessis jiidha isaa gad coccobsa; bokkaan guddaanis namatti rooba.
JOB 36:29 Eenyutu akka inni itti duumessoota diriirsu, akka inni itti dunkaana isaa keessaa qaqawweessaʼus hubachuu dandaʼa?
JOB 36:30 Akka inni itti bakakkaa naannoo isaatti bittinneessu, akka inni itti tuujuba galaanaa illee haguugu ilaali.
JOB 36:31 Kun haala inni ittiin saboota bulchuu fi nyaata baayʼinaan isaaniif kennuu dha.
JOB 36:32 Inni harka isaa bakakkaadhaan ni guuta; akka bakakkaan sun iddoo akeeka isaa dhaʼus ni ajaja.
JOB 36:33 Kakawween isaa akka bakakkaan dhufu labsa; looni iyyuu akka inni dhiʼaate beeksisu.
JOB 37:1 “Kana irratti onneen koo ni dhikkifata; iddoo isaatiis ni uʼutaala.
JOB 37:2 Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa, guungummii afaan isaatii baʼu illee dhagaʼaa.
JOB 37:3 Inni bakakkaa isaa samii hunda jalatti gad dhiisa; gara handaara lafaattis ni erga.
JOB 37:4 Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa; inni sagalee isaa ulfina qabeessa sanaan ni qaqawweessaʼa. Yommuu sagaleen isaa dhagaʼamutti, inni waan tokko illee hin qusatu.
JOB 37:5 Sagaleen Waaqaa haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa; inni waan guddaa hubannaa keenyaa ol taʼe godha.
JOB 37:6 Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’ tiifuudhaanis, ‘Bokkaa jabaa taʼi’ jedha.
JOB 37:7 Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf, inni harka tokkoo tokkoo namaa chaappessa.
JOB 37:8 Bineensonni holqa isaaniitti galu; daʼannoo isaanii keessas ni turu.
JOB 37:9 Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa; dhaamochis bubbee bittinneessu keessaa ni baʼa.
JOB 37:10 Hafuurri Waaqni baafatu cabbii uuma; bishaanonni babalʼaanis ni ititu.
JOB 37:11 Inni duumessoota bishaan baachisa; bakakkaa isaas isaan keessa facaasa.
JOB 37:12 Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf, qajeelfama inni kennuun addunyaa hunda irra naannaʼu.
JOB 37:13 Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaasee jaalala isaa argisiisuuf jedhee duumessa fida.
JOB 37:14 “Yaa Iyyoob waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitii hojii Waaqaa isa dinqisiisaa sana hubadhu.
JOB 37:15 Waaqni akkamitti duumessoota akka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa?
JOB 37:16 Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan, hojii dinqisiisaa Waaqaa isa beekumsaan mudaa hin qabne sanaa beektaa?
JOB 37:17 Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistutti hoʼa wayyaa keetiitiin waxalamtu,
JOB 37:18 samii akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sana diriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa?
JOB 37:19 “Waan nu isaan jennu nutti himi; nu sababii dukkana keenyaatiifuu dubbii keenya qajeelfachuu hin dandeenyu.
JOB 37:20 Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa? Namni kam iyyuu liqimfamuuf ni gaafataa?
JOB 37:21 Erga qilleensi samiiwwan qulqulleessee booddee, namni aduu humna guutuun iftu ilaaluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
JOB 37:22 Waaqni bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa; inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa.
JOB 37:23 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli; inni humnaa fi murtii qajeelaadhaan guddaa dha; qajeelummaan isaa baayʼee dha; inni nama hin cunqursu.
JOB 37:24 Kanaafuu, namoonni isa sodaatu; inni warra ogeeyyii of seʼan hunda waʼittuu hin hedu.”
JOB 38:1 Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate. Akkana jedhes:
JOB 38:2 “Namni dubbii beekumsa malee dubbatamuun karoora koo dukkanneessu kun eenyu?
JOB 38:3 Mee akka gootaa mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kenni.
JOB 38:4 “Yeroo ani hundee lafaa kaaʼetti ati eessa turte? Yoo hubatte mee natti himi.
JOB 38:5 Eenyutu balʼina ishee murteesse? Dhugumaan ni beektaa? Eenyutu ulee safaraa ishee irra harkise?
JOB 38:6 Hundeen ishee maal irra dhaabame? Yookaan eenyutu dhagaa golee ishee dhaabe?
JOB 38:7 Kunis yeroo bakkalchoonni barii walii wajjin faarfatanitti, yeroo ilmaan Waaqayyoos ililchanitti ture.
JOB 38:8 “Yeroo galaanni cabsee garaa lafaa keessaa baʼetti eenyutu balbala itti cufee ittise?
JOB 38:9 Yeroo ani duumessoota uffata isaa godhee dukkana guddaan maretti,
JOB 38:10 yeroo ani daangaa isaa dhaabee balbalaa fi danqaraa hojjedheefitti,
JOB 38:11 anis, ‘Ati hamma asiitti dhufta; garuu darbuu hin dandeessu; dambaliin of jajuu keetii illee asumatti dhaabata!’ jedheen.
JOB 38:12 “Ati bara jireenya keetii barraaqa ajajjee yookaan barii obborootti iddoo isaa argisiiftee beektaa?
JOB 38:13 Akka inni handaara lafaa qabatee namoota hamoo achi keessaa hurgufu gooteertaa?
JOB 38:14 Lafti akka suphee chaappaa jala jiruutti bifa geeddaratti; bifti ishees akka bifa uffataatti mulʼata.
JOB 38:15 Hamoonni ifa isaanii dhowwatamaniiru; irreen isaanii inni ol kaʼes cabeera.
JOB 38:16 “Ati gara burqaa galaanaa gad buutee yookaan tuujuba bishaanii seentee hundee isaa irra deemtee beektaa?
JOB 38:17 Karri duʼaa sitti mulʼifameeraa? Karra gaaddidduu duʼaas argiteertaa?
JOB 38:18 Balʼina lafaa guddaa sana hubatteertaa? Yoo kana hunda beekte dubbadhu.
JOB 38:19 “Karaan iddoo ifni jirutti nama geessu kami? Dukkannis eessa jiraata?
JOB 38:20 Iddoo isaaniitti isaan geessuu dandeessaa? Daandii lafa jireenya isaaniitti geessu beektaa?
JOB 38:21 Ati dhugumaan ni beekta; yeroo sana dhalatteertaatii! Ati bara hedduu jiraatteerta!
JOB 38:22 “Mankuusa cabbii seentee yookaan mankuusa dhagaa cabbii argiteertaa?
JOB 38:23 Kan ani yeroo rakkinaatiif, guyyaa waraanaa fi lolaatiif ol kaaʼadhe argiteertaa?
JOB 38:24 Karaan iddoo ifni itti bittinnaaʼutti yookaan gara iddoo bubbeen baʼaa itti lafa irra faffacaʼuutti nama geessu kami?
JOB 38:25 Eenyutu lolaadhaaf boʼoo, bakakkaadhaaf immoo daandii baasee,
JOB 38:26 lafa namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, gammoojjii namni tokko iyyuu keessa hin jirre bishaan obaasuuf,
JOB 38:27 lafa namni keessa hin jiraannee fi lafa onaa quubsee margas itti biqilchu eenyu?
JOB 38:28 Roobni abbaa qabaa? Copha fixeensaa eenyutu dhalche?
JOB 38:29 Cabbiin garaa eenyuutii baʼa? Qorra samii eenyutu dhala?
JOB 38:30 Bishaanonni akka dhagaa jabaatu, fuulli tuujubaas akka cabbii taʼa.
JOB 38:31 “Urjiiwwan babbareedoo Torbii jedhaman hidhuu ni dandeessaa? Yookaan hidhaa Urjii Sadee jedhamuu hiikuu ni dandeessaa?
JOB 38:32 Tuuta urjiiwwanii waqtiilee isaaniitti fiduu yookaan urjii Amaaketa jedhamu ilmaan isaa wajjin bobbaasuu ni dandeessaa?
JOB 38:33 Seera samiiwwanii beektaa? Bulchiinsa isaanii lafa irratti hundeessuu ni dandeessaa?
JOB 38:34 “Ati sagalee kee gara duumessaatti ol fudhattee, lolaa bishaaniitiin of haguuguu ni dandeessaa?
JOB 38:35 Ati bakakkaa daandii isaa irra erguu ni dandeessaa? Innis, ‘Kunoo ani asan jira’ siin jedhaa?
JOB 38:36 Eenyutu yaada garaatiif ogummaa yookaan sammuudhaaf hubannaa kenne?
JOB 38:37 Eenyutu duumessoota lakkaaʼuuf ogummaa qaba? Eenyutu okkotee bishaan samii
JOB 38:38 yeroo biyyoon jabaattutti, yeroo supheen wal qabattutti jalʼisuu dandaʼa?
JOB 38:39 “Ati leenca dhalaadhaaf nyaata adamsitee saafela leencaas beela baaftee
JOB 38:40 yeroo isaan manʼee isaanii keessatti riphanitti yookaan yeroo isaan daggala keessatti riphanii waa eeggatanitti beela ni baaftaa?
JOB 38:41 Eenyutu yeroo ilmaan ishee gara Waaqaatti iyyan, yeroo isaan nyaata dhabanii jooranitti, arraagessaaf nyaata kenna?
JOB 39:1 “Yeroo itti qellejjeen dhaltu beektaa? Yeroo itti borofni ilmoo ishee dhaltu argiteertaa?
JOB 39:2 Jiʼa isaan garaatti ilmaan baatan ni lakkooftaa? Yeroo isaan itti dhalan ni beektaa?
JOB 39:3 Isaan jilbeenfatanii ilmaan isaanii dhalu; foolachuu isaaniis ni hobbaafatu.
JOB 39:4 Ilmaan isaanii ni jabaatu; alattis ni guddatu; baʼanii ni deemu; hin deebiʼanis.
JOB 39:5 “Eenyutu harree diidaa gad dhiise? Funyoo isaas eenyutu hiike?
JOB 39:6 Ani gammoojjii mana isaa, lafa soogiddaas iddoo jireenya isaa godheen kenneef.
JOB 39:7 Inni waca magaalaa keessaatti ni kolfa; iyya konkolaachisaas hin dhagaʼu.
JOB 39:8 Waan dheedu argachuuf tulluuwwan irra laba; waan lalisaa hundas ni barbaada.
JOB 39:9 “Gafarsi si tajaajiluuf siif ajajamaa? Dallaa kee keessas ni bulaa?
JOB 39:10 Akka inni lafa siif qotuuf funyoodhaan isa hidhuu ni dandeessaa? Yookaan inni si duubaan boʼoo ni baasaa?
JOB 39:11 Ati waan inni humna guddaa qabuuf isa ni amanattaa? Hojii kee jabaa illee isatti ni dhiiftaa?
JOB 39:12 Akka inni midhaan kee walitti qabee oobdii kee irratti siif tuuluuf isa ni abdattaa?
JOB 39:13 “Guchiin gammachuudhaan qoochoo ishee afarsiti; garuu qoochoo fi baallee huummootiin wal bira hin qabamu.
JOB 39:14 Hanqaaquu ishee lafa irratti buufti; akka itti hoʼuufis cirracha keessatti dhiifti;
JOB 39:15 garuu akka miilli wayii caccabsu, akka bineensi irra ejjetu hin yaadattu.
JOB 39:16 Cuucii isheettis akka waan isaan kan ishee hin taʼiniitti garaa jabaatti; yoo dadhabbiin ishee akkasumaan bade illee isheef homaa miti;
JOB 39:17 Waaqni ogummaadhaan ishee hin badhaafneetii; yookaan hubannaa isheef hin qoodne.
JOB 39:18 Yeroo fiiguuf qoochoo ishee balʼifattutti, isheen fardaa fi namicha gulufutti kofalti.
JOB 39:19 “Ati fardaaf jabina ni kennitaa? Yookaan morma isaatti gama uffisuu dandeessaa?
JOB 39:20 Akka inni akkuma hawwaannisaatti utaalu ni gootaa? Ulfinni korrisa isaas sodaachisaa dha.
JOB 39:21 Inni humna isaatti gammadee akka malee guulee lafa dhidhiita; baʼees miʼa lolaatti qajeela.
JOB 39:22 Inni sodaatti ni kolfa; waan tokko illee hin sodaatu; goraadee irraas duubatti hin deebiʼu.
JOB 39:23 Manʼeen xiyyaa, eeboo fi ankaaseen calaqqisus cinaacha isaatti bubbuʼee kililcha.
JOB 39:24 Siʼaaʼee rommuudhaan lafa haadha; yeroo malakanni afuufamutti illee obsee dhaabachuu hin dandaʼu.
JOB 39:25 Inni yommuu malakanni afuufamutti ‘Uffee’ jedhee imimsa; waca ajajjootaatii fi iyya waraanaa, foolii waraanaa illee fagoottu suufa.
JOB 39:26 “Cululleen ogummaa keetiin barriftee qoochoo ishees gara kibbaatti balʼiftii?
JOB 39:27 Risaan ajaja keetiin ol baʼee ol fagootti mana isaa ijaarrataa?
JOB 39:28 Inni qarqara hallayyaa irra jiraata; halkanis achuma bula; kattaan fofottoqaanis daʼoo isaa ti.
JOB 39:29 Achi taaʼees waan nyaatu adamsa; iji isaas fagootti waan sana arga.
JOB 39:30 Cuucoliin isaa dhiiga dhugu; innis lafa raqni jiruu hin dhabamu.”
JOB 40:1 Waaqayyos Iyyoobiin akkana jedhe:
JOB 40:2 “Namni Waaqa Waan Hunda Dandaʼuun falmu tokko isa ni qajeelchaa? Namni Waaqa himatu deebii haa kennuuf!”
JOB 40:3 Iyyoobis akkana jedhee Waaqayyoof deebise:
JOB 40:4 “Ani nama faayidaa hin qabnee dha; akkamittin deebii siif kenna? Harka koo afaan koo irra nan kaaʼadha.
JOB 40:5 Ani yeroo tokko dubbadheera; garuu ani waanan deebisu hin qabu; siʼa lama dubbadheera; kana caalaa garuu homaa hin jedhu.”
JOB 40:6 Kana irratti Waaqayyo bubbee jabaa keessaa Iyyoobitti dubbate:
JOB 40:7 “Akka dhiiraatti mudhii kee hidhadhu; ani sin gaafadha; ati immoo deebii naa kennita.
JOB 40:8 “Ati murtii koo qajeelaa sana gatii dhabsiistaa? Ofii keetii qajeelaa taʼuuf na himattaa?
JOB 40:9 Irree akka irree Waaqaa qabdaa? Sagaleen kees akka sagalee isaa qaqawweessaʼuu dandaʼaa?
JOB 40:10 Ulfinaa fi guddinaan of miidhagsi; kabajaa fi barreedina uffadhu.
JOB 40:11 Dheekkamsa kee kan guutee irra yaaʼu sana dhangalaasi; nama of tuulu kam iyyuu ilaalii qaanessi.
JOB 40:12 Nama of tuulu hunda ilaalii gad deebisi; hamoota illee iddoodhuma isaan dhaabatanitti caccabsi.
JOB 40:13 Isaan hunda walitti qabii biyyoo keessatti awwaali; fuula isaaniis awwaala keessa dhoksi.
JOB 40:14 Yoos ani mataan koo, akka harki kee mirgaa si oolchuu dandaʼu siifin mirkaneessa.
JOB 40:15 “Bihemootin ani akkuman si uumettin uume, kan akkuma qotiyyoo marga dheedu sana mee ilaali.
JOB 40:16 Jabinni isaa dugda isaa keessa, humni isaa immoo ribuu garaa isaa keessa jira!
JOB 40:17 Eegeen isaa akkuma muka birbirsaa raafama; ribuun tafa isaa wal keessa xaxamaa dha.
JOB 40:18 Lafeen isaa akka ujummoo naasii ti; harkii fi miilli isaa immoo akka ulee sibiilaa ti.
JOB 40:19 Inni uumamawwan Waaqaa keessaa hangafa; garuu inni isa uume goraadee isaatiin isatti dhiʼaachuu dandaʼa.
JOB 40:20 Gaarran marga ni kennuuf; bineensonni hundi naannoo isaa ni burraaqu.
JOB 40:21 Inni huuxxii qoraattii qabu jala ciisa; shambaqqoo lafa dhaqdhaqii keessa dhokata.
JOB 40:22 Gaaddisni huuxxii qoraattii qabuu isa haguuga; alaltuun lagaas isa marsa.
JOB 40:23 Yommuu lagni cabsee yaaʼutti iyyuu kunoo, inni hin rifatu. Lagni Yordaanos afaan isaa irra garagalu iyyuu inni hin shishu.
JOB 40:24 Namni utuma inni arguu isa qabuu yookaan kiyyoodhaan isa qabee funyaan isaa uruu dandaʼu tokko iyyuu jiraa?
JOB 41:1 “Ati hokkoo qurxummiitiin Lewaataan harkiftee baasuu yookaan arraba isaa funyoodhaan hidhuu ni dandeessaa?
JOB 41:2 Funyaan isaa keessa funyoo baasuu yookaan lafee mangaagaa isaa hokkoodhaan uruu ni dandeessaa?
JOB 41:3 Inni akka ati isaaf araaramtuuf guddisee si kadhataa? Afaan nagaatiinis sitti ni dubbataa?
JOB 41:4 Akka ati bara baraan garbicha godhattuuf inni si wajjin kakuu ni galaa?
JOB 41:5 Ati akka simbirroota wajjin taphattu isa wajjin ni taphattaa? Yookaan shamarran keetiif isa ni hiitaa?
JOB 41:6 Daldaltoonni isa irratti gatii wal dubbatuu? Warra bitee gurguruufis isa ni qooduu?
JOB 41:7 Ati gogaa isaa xiyyaan, yookaan mataa isaa hokkoo ittiin qurxummii qabaniin wawwaraanuu ni dandeessaa?
JOB 41:8 Yoo harka keetiin isa tuqxe, walʼaansoo sana ni yaadatta; deebitees waan sana hin gootu!
JOB 41:9 Isa moʼanna jedhanii abdachuun soba; ijumaan isa ilaaluunuu nama hollachiisa.
JOB 41:10 Namni isa dammaqsuuf garaa qabaatu tokko iyyuu hin jiru. Egaa namni na dura dhaabachuu dandaʼu eenyu?
JOB 41:11 Namni waa natti kennatee ani deebisuufii qabu eenyu? Wanni samii jala jiru hundinuu kanuma koo ti.
JOB 41:12 “Ani waaʼee harkaa fi miilla isaa, waaʼee jabinaa fi dhaaba toluu isaa dubbachuu hin dhiisu.
JOB 41:13 Eenyutu uffata inni irraan uffatu irraa baasa? Eenyutu luugama qabatee isatti dhiʼaata?
JOB 41:14 Eenyutu balbala afaan isaa isa ilkaan isaa sodaachisaa sanaan marfame banuu dandaʼa?
JOB 41:15 Dugdi isaa gaachanawwan tarree galan, kanneen akka malee walitti maxxanfaman qaba;
JOB 41:16 tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaa akka qilleensi gidduu isaanii hin baaneef baayʼee walitti maxxanu.
JOB 41:17 Isaan jabeeffamanii walitti qabsiifaman; waan walitti fayyaniif gargar hin baafaman.
JOB 41:18 Haxxissoon isaa balaqqeessa ifaa baasa; iji isaa immoo akkuma ifa biiftuu reefuu baatuu ti.
JOB 41:19 Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatu baʼa; qaanqeenis afaan isaa keessaa ni faffacaʼa.
JOB 41:20 Akkuma aara xuwwee ibidda shambaqqoo irratti dafqu keessaa baʼuu funyaan isaatii aarri ni baʼa.
JOB 41:21 Hafuurri afaan isaatii baʼu cilee ibiddaa qabsiisa; afaan isaa keessaas arrabni ibiddaa ni baʼa.
JOB 41:22 Morma isaa keessa jabinatu jira; sodaachisuunis fuula isaa dura ni utaala.
JOB 41:23 Dachaan foon isaa wal qabateera; dachaan sunis walitti fayyeera; hin sochoʼus.
JOB 41:24 Lapheen isaa akka kattaa jabaata; akka dhagaa daakuus jabaa dha.
JOB 41:25 Yeroo inni ol kaʼutti, jajjaboonni ni sodaatu; yommuu inni lafa sochoosaa dhufutti isaan of irra garagalanii baqatu.
JOB 41:26 Goraadeen itti buʼu illee homaa isa hin godhu; eeboon yookaan xiyyi yookaan ankaaseenis homaa isa hin godhu.
JOB 41:27 Inni sibiila akka cidiitti, naasii immoo akka muka tortoreetti heda.
JOB 41:28 Xiyyi isa hin baqachiisu; dhagaan furrisaa isaaf akkuma habaqii ti.
JOB 41:29 Bokkuun isaaf akkuma cidii ti; inni mirmirfamuu eebootti ni kolfa.
JOB 41:30 Garaan isaa jalli akka cabaa okkotee kan qara qabuu ti; akka muka ittiin midhaan dhaʼaniittis dhoqqee baqaqsa.
JOB 41:31 Inni tuujuba akka okkotee dafquutti koqsiisa; galaanas akkuma bilqaaxxii dibataa raasa.
JOB 41:32 Inni duuba isaatiin akka karaan ifu ni godha; namni waan tuujubni sun rifeensa adii qabu seʼa.
JOB 41:33 Uumamni homaa hin sodaanne, kan isaan qixxaatu tokko iyyuu lafa irra hin jiru.
JOB 41:34 Inni warra of tuulu ni tuffata; warra of jaju hunda irratti mootii dha.”
JOB 42:1 Iyyoobis akkana jedhee Waaqayyoof deebii kenne:
JOB 42:2 “Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka; karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
JOB 42:3 Ati, ‘Namni beekumsa malee gorsa koo dhoksu kun eenyu?’ jettee gaafatte. Ani dhugumaan waan naaf hin galin, waan dinqii natti taʼe kan ani hin beekin dubbadheera.
JOB 42:4 “Ati akkana jetteerta; ‘Ani nan dubbadhaa mee dhaggeeffadhu; ani sin gaafadhaa, ati immoo naaf deebisi.’
JOB 42:5 Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture; amma garuu iji koo si argeera.
JOB 42:6 Kanaafuu ani of tuffadhee biyyoo fi daaraa keessa taaʼee qalbii nan jijjiirradha.”
JOB 42:7 Waaqayyo erga waan kana Iyyoobitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; “Sababii isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera.
JOB 42:8 Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Iyyoob dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Iyyoob garbichi koo isinii kadhata; ani kadhannaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii.”
JOB 42:9 Kanaafuu Eliifaaz Teemaanichi, Bildaad Shuhaahichii fi Zoofaari Naaʼimaatichi waan Waaqayyo isaanitti hime sana godhan; Waaqayyos kadhannaa Iyyoob dhagaʼe.
JOB 42:10 Erga Iyyoob michoota isaatiif kadhatee booddee Waaqayyo deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef.
JOB 42:11 Obboloonni isaa, obboleettonni isaa hundinuu fi warri dur isa beekan hundi dhufanii mana isaatti isa wajjin nyaatan. Isaanis sababii rakkina Waaqayyo isatti fide hundaatiif isaaf gaddanii isa jajjabeessan; tokkoon tokkoon isaaniis meetii fi qubeelaa warqee kennaniif.
JOB 42:12 Waaqayyos kan duraa caalaa jireenya Iyyoob kan fuul duraa eebbise. Iyyoobis hoolaa kuma kudha afur, gaala kuma jaʼa, qotiyyoo kuma lamaa fi harree dhaltuu kuma tokko qaba ture.
JOB 42:13 Akkasumas ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture.
JOB 42:14 Intala isaa jalqabaa Yemiimaa, ishee lammaffaa Keziiyaa, ishee sadaffaa immoo Qeren-Haphuuk jedhee moggaase.
JOB 42:15 Biyya sana hunda keessatti dubartoonni akka intallan Iyyoob babbareedan eessattuu hin argamne. Abbaan isaaniis obboloota isaanii gidduutti dhaala kenneef.
JOB 42:16 Iyyoobis ergasii waggaa dhibba tokkoo fi afurtama jiraate; innis hamma dhaloota afuriitti ijoollee fi ijoollee ijoollee isaa arge.
JOB 42:17 Innis akkasiin bara dheeraa jiraatee dulloomee duʼe.
PSA 1:1 Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
PSA 1:2 Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
PSA 1:3 Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
PSA 1:4 Hamoonni garuu akkana miti; isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.
PSA 1:5 Kanaafuu hamoonni murtii dura, yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.
PSA 1:6 Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii; karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.
PSA 2:1 Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu?
PSA 2:2 Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman;
PSA 2:3 isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu.
PSA 2:4 Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa.
PSA 2:5 Innis aarii isaatiin isaan ifata; dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa;
PSA 2:6 innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, mootii koo teessifadheera” jedha.
PSA 2:7 Ani seera Waaqayyoo nan labsa: innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera.
PSA 2:8 Na kadhadhu; ani saboota dhaala kee, handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna.
PSA 2:9 Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; akka qodaa supheettis isaan hurreessita.”
PSA 2:10 Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; bulchitoonni lafaas of eeggadhaa.
PSA 2:11 Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa; hollachaas gammadaa.
PSA 2:12 Akka inni hin aarreef, isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa; dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii. Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.
PSA 3:1 Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate. Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu! Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
PSA 3:2 Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
PSA 3:3 Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti; ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
PSA 3:4 Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha; innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
PSA 3:5 Ani nan ciisa; nan rafas; waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.
PSA 3:6 Saba kumaatama qixa hundaan kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
PSA 3:7 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqa koo na baraari! Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti; ilkaan hamootaa illee caccabsi.
PSA 3:8 Fayyinni kan Waaqayyoo ti. Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.
PSA 4:1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu. Yaa Waaqa qajeelumma kootii, yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni. Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi; araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi.
PSA 4:2 Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu? Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu?
PSA 4:3 Isin akka Waaqayyo warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa; Waaqayyo yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.
PSA 4:4 Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa; yommuu siree keessan irra jirtanitti, garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.
PSA 4:5 Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa; Waaqayyonis amanadhaa.
PSA 4:6 Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha; yaa Waaqayyo, ifni fuula keetii nurratti haa ifu.
PSA 4:7 Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa, ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.
PSA 4:8 Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas; yaa Waaqayyo si qofatu, sodaa malee na jiraachisaatii.
PSA 5:1 Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi; aaduu koo illee naa hubadhu.
PSA 5:2 Yaa mootii koo fi Waaqa ko, iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu; ani sin kadhadhaatii.
PSA 5:3 Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa; anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa; abdiidhaanis nan eeggadha.
PSA 5:4 Ati Waaqa hamminatti gammadu miti; hamaanis si wajjin hin jiraatu.
PSA 5:5 Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan. Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;
PSA 5:6 Ati warra soba dubbatan ni balleessita. Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi warra nama gowwoomsan ni xireeffata.
PSA 5:7 Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala; si sodaachuudhaanis gad jedhee gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.
PSA 5:8 Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitii qajeelummaa keetiin na dura buʼi; karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.
PSA 5:9 Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu; garaan isaanii badiisaan guutameera. Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni sobu.
PSA 5:10 Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi! Daba isaaniitiinis haa kufan. Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi; isaan sitti fincilaniiruutii.
PSA 5:11 Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan; bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan. Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.
PSA 5:12 Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii; akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.
PSA 6:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin; yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
PSA 6:2 Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami; lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi.
PSA 6:3 Lubbuun koo akka malee jeeqameera; kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?
PSA 6:4 Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi; araara keetiif jedhiitii na fayyisi.
PSA 6:5 Namni duʼe si hin yaadatu. Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?
PSA 6:6 Ani aaduu kootiin bututeera. Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa; imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
PSA 6:7 Iji koo gaddaan fajajeera; sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.
PSA 6:8 Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa; Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.
PSA 6:9 Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera; Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.
PSA 6:10 Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan; qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.
PSA 7:1 Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala; warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;
PSA 7:2 yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti, akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.
PSA 7:3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe yoo harka koo keessa yakki jiraate,
PSA 7:4 yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe, yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,
PSA 7:5 diinni koo ariʼee na haa qabatu; jireenya koo lafatti haa dhidhiitu; ulfina koos awwaara keessa haa buusu.
PSA 7:6 Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi; dheekkamsa diinota kootti kaʼi. Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.
PSA 7:7 Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu; atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.
PSA 7:8 Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu. Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti, akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.
PSA 7:9 Yaa Waaqa qajeelaa, kan yaadaa fi garaa namaa qortu, fincila hamootaa balleessi; qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.
PSA 7:10 Gaachanni koo Waaqa; inni gara toleeyyii ni oolcha.
PSA 7:11 Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha; inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.
PSA 7:12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate, inni goraadee isaa ni qarata; iddaa isaas dabsee qopheeffata.
PSA 7:13 Inni meeshaa nama ajjeesu qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.
PSA 7:14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa; jalʼina garaatti baata; soba dhala.
PSA 7:15 Inni gad fageessee boolla qota; boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.
PSA 7:16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa; jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.
PSA 7:17 Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha; maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.
PSA 8:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Gitiitiidhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.
PSA 8:2 Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.
PSA 8:3 Yommuu ani hojii quba keetii, samiiwwan kee, jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
PSA 8:4 akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
PSA 8:5 Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.
PSA 8:6 Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote; waan hundas miilla isaa jala galchite;
PSA 8:7 bushaayee fi loon hunda, bineensota bosonaas,
PSA 8:8 simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa, waan daandii galaanaatiin darbu hundas miilla isaa jala galchite.
PSA 8:9 Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!
PSA 9:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.
PSA 9:2 Ani sittin gammada; nan ililchas; yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.
PSA 9:3 Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu; ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.
PSA 9:4 Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta; atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.
PSA 9:5 Saboota ifattee hamootas balleessiteerta; maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.
PSA 9:6 Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu; ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta; seenaan isaaniis barbadeeffameera.
PSA 9:7 Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa; teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.
PSA 9:8 Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.
PSA 9:9 Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
PSA 9:10 Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
PSA 9:11 Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa; hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.
PSA 9:12 Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii; iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.
PSA 9:13 Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali! Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;
PSA 9:14 kunis ani karra Intala Xiyoon irratti akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis baayʼisee gammaduuf.
PSA 9:15 Saboonni boolla qotan keessa buʼan; miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.
PSA 9:16 Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama; hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.
PSA 9:17 Namoonni hamoon, warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu.
PSA 9:18 Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.
PSA 9:19 Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; fuula kee duratti sabootatti haa muramu.
PSA 9:20 Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi; saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.
PSA 10:1 Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta? Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?
PSA 10:2 Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa; inni maluma malatuun haa qabamu.
PSA 10:3 Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa; Waaqayyoon immoo ni arrabsa.
PSA 10:4 Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru.
PSA 10:5 Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula; seerri kees isa irraa fagoo dha; diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada.
PSA 10:6 Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru; rakkinnis gonkumaa na hin argatu” ofiin jedha.
PSA 10:7 Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera; dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru.
PSA 10:8 Inni gandoota keessatti riphee eeggata; iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa. Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada.
PSA 10:9 Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata. Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata; hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata.
PSA 10:10 Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas; humna nama hamaa jalattis ni kufa.
PSA 10:11 Innis, “Waaqa irraanfateera; fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu” ofiin jedha.
PSA 10:12 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu. Rakkataas hin dagatin.
PSA 10:13 Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa? Maaliifis garaa isaatti, “Inni waan kanatti na hin gaafatu” jedha?
PSA 10:14 Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita; harka keetiinis gatii baasifta. Deegaan dabarsee sitti of kenna; ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.
PSA 10:15 Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi; hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti, hammina isaatti isa gaafadhu.
PSA 10:16 Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha; ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.
PSA 10:17 Yaa Waaqayyo, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa; isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta;
PSA 10:18 kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef ati ijoollee abbaa hin qabnee fi cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.
PSA 11:1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani Waaqayyotti kooluu galeera. Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu: “Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.
PSA 11:2 Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru; isaan warra toloota taʼan, dukkana keessa waraanuuf jedhanii, xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.
PSA 11:3 Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan maal gochuu dandaʼa?”
PSA 11:4 Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; teessoon Waaqayyoo samii irra jira. Inni ilmaan namootaa ni ilaala; iji isaas namoota ni qora.
PSA 11:5 Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora; lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.
PSA 11:6 Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi dinyii bobaʼu ni roobsa; qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.
PSA 11:7 Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef, murtii qajeelaa jaallata; toloonnis fuula isaa ni argu.
PSA 12:1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar; ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.
PSA 12:2 Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata; isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.
PSA 12:3 Waaqayyo afaan nama saadu hunda, arraba of tuulu hundas haa kukkutu;
PSA 12:4 isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona; hidhiin keenyas keenyuma; eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.
PSA 12:5 Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.
PSA 12:6 Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee yeroo torba qulqulleeffamee ti.
PSA 12:7 Yaa Waaqayyo ati nu eegda; dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.
PSA 12:8 Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.
PSA 13:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa? Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
PSA 13:2 Ani hamma yoomiittin rakkina obsee guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda? Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?
PSA 13:3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni. Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
PSA 13:4 diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha; amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.
PSA 13:5 Ani garuu araara kee nan amanadha; garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
PSA 13:6 Ani Waaqayyoof nan faarfadha; arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.
PSA 14:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
PSA 14:2 Waaqayyo yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
PSA 14:3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.
PSA 14:4 Warri hammina hojjetan kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
PSA 14:5 Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru; Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.
PSA 14:6 Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu; Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.
PSA 14:7 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!
PSA 15:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
PSA 15:2 Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi nama waan qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
PSA 15:3 kan arraba isaatiin nama hin hamanne, nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,
PSA 15:4 kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju, yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,
PSA 15:5 nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha. Namni wantoota kanneen hojjetu, gonkumaa hin raafamu.
PSA 16:1 Miiktaamii Daawit. Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii, ati na eegi.
PSA 16:2 Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti; ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.
PSA 16:3 Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; anis isaanitti baayʼee nan gammada.
PSA 16:4 Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, gaddi isaanii ni guddata. Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.
PSA 16:5 Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti; ixaa koos situ naa jiraachisa.
PSA 16:6 Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera; dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.
PSA 16:7 Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha.
PSA 16:8 Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba. Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
PSA 16:9 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos nagaadhaan jiraata;
PSA 16:10 ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu.
PSA 16:11 Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
PSA 17:1 Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi; booʼicha koos dhaggeeffadhu. Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine keessaa baʼuufis gurra kenni.
PSA 17:2 Murtiin koo si biraa haa dhufu; iji kees waan qajeelaa haa argu.
PSA 17:3 Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte, yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu; ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
PSA 17:4 Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
PSA 17:5 Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera; miilli koos hin mucucaanne.
PSA 17:6 Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha; gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.
PSA 17:7 Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan harka kee mirgaatiin oolchitu, ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.
PSA 17:8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi; gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
PSA 17:9 hamoota na dhiphisan jalaa, diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.
PSA 17:10 Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu; afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata.
PSA 17:11 Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru; lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu.
PSA 17:12 Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti; akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti.
PSA 17:13 Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi; goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi.
PSA 17:14 Yaa Waaqayyo, namoota akkanaa jalaa, namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa harka keetiin na baraari. Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu; ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan; isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan.
PSA 17:15 Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga; yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.
PSA 18:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit garbicha Waaqayyoo; innis yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate. Innis akkana jedhe: Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.
PSA 18:2 Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
PSA 18:3 Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
PSA 18:4 Funyoon duʼaa na xaxe; lolaan badiisaas na liqimseera.
PSA 18:5 Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe.
PSA 18:6 Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
PSA 18:7 Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
PSA 18:8 Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
PSA 18:9 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
PSA 18:10 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
PSA 18:11 Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
PSA 18:12 Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi bakakkaadhaan tarsaasee baʼe.
PSA 18:13 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
PSA 18:14 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
PSA 18:15 Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin, humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis, sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
PSA 18:16 Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
PSA 18:17 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
PSA 18:18 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
PSA 18:19 Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
PSA 18:20 Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
PSA 18:21 Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
PSA 18:22 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis labsii isaa irraa hin gorre.
PSA 18:23 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
PSA 18:24 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
PSA 18:25 Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata.
PSA 18:26 Nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
PSA 18:27 Ati warra gad of qaban ni oolchita; ija of tuulu garuu gad deebifta.
PSA 18:28 Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita; Waaqni koo dukkana koo ifatti ni geeddara.
PSA 18:29 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
PSA 18:30 Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galan hundaaf Waaqayyo gaachana taʼa.
PSA 18:31 Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees kattaan eenyu?
PSA 18:32 Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
PSA 18:33 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
PSA 18:34 Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
PSA 18:35 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; harki kee mirgaa ol na qabeera; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
PSA 18:36 Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
PSA 18:37 Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
PSA 18:38 Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
PSA 18:39 Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
PSA 18:40 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
PSA 18:41 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
PSA 18:42 Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake; akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite.
PSA 18:43 Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa na gooteerta; sabni ani hin beekne na tajaajila.
PSA 18:44 Namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
PSA 18:45 Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
PSA 18:46 Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
PSA 18:47 Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jalatti bulchuu dha;
PSA 18:48 diinota koo jalaas na baasa. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
PSA 18:49 Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
PSA 18:50 Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, jaalala bara baraa ni argisiisa.
PSA 19:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
PSA 19:2 Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa, halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.
PSA 19:3 Haasaan yookaan dubbiin hin jiru; sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.
PSA 19:4 Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe. Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;
PSA 19:5 biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.
PSA 19:6 Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee gara handaara kaaniitti naannofti; wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.
PSA 19:7 Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu; lubbuu namatti deebisa. Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha; nama wallaalaa beekaa godha.
PSA 19:8 Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha; garaadhaaf gammachuu kenna. Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha; ijaafis ifa kenna.
PSA 19:9 Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha; bara baraan jiraata. Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha; walumaa galattis qajeelaa dha.
PSA 19:10 Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame caalaa iyyuu gatii qabeessa; inni damma caalaa, nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.
PSA 19:11 Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama; isa eeguunis gatii guddaa qaba.
PSA 19:12 Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa? Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.
PSA 19:13 Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi; cubbuun kunis na hin moʼatin. Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha; dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.
PSA 19:14 Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko, dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.
PSA 20:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu; maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.
PSA 20:2 Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu; Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
PSA 20:3 Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu; qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.
PSA 20:4 Hawwii garaa keetii siif haa kennu; karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
PSA 20:5 Yommuu ati moʼattutti ililchinee maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna. Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.
PSA 20:6 Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka; Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
PSA 20:7 Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu; nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
PSA 20:8 Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana; jabaannees ni dhaabanna.
PSA 20:9 Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni! Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!
PSA 21:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada. Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!
PSA 21:2 Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta; kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne.
PSA 21:3 Ati eebba guddaadhaan isa simatte; gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.
PSA 21:4 Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef; bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.
PSA 21:5 Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe; atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.
PSA 21:6 Ati eebba bara baraa kenniteef; akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.
PSA 21:7 Mootichi Waaqayyoon amanataatii; sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
PSA 21:8 Harki kee diinota kee hunda ni qabata; harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.
PSA 21:9 Yeroo mulʼachuu keetiitti, akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota. Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa; ibiddis isaan fixa.
PSA 21:10 Ati sanyii isaanii lafa irraa, ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.
PSA 21:11 Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan, yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.
PSA 21:12 Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti, akka isaan baqatan gootaatii.
PSA 21:13 Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi; nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.
PSA 22:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo “Borofa Ganamaa” jedhu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte? Ati na gargaaruu irraa, iyya koo irraas maaliif akkas fagaatta?
PSA 22:2 Yaa Waaqa ko, ani guyyaa guyyaa sittin iyyadha; ati garuu deebii naaf hin deebiftu; halkan halkanis afaan hin qabadhu.
PSA 22:3 Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha; ati galata Israaʼel.
PSA 22:4 Abbootiin keenya si amanatan; isaan si amanatan; atis isaan oolchite.
PSA 22:5 Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis; si amanatan; hin qaanofnes.
PSA 22:6 Ani garuu raammoodha malee nama miti; ani nama namni itti qoosuu fi sabnis tuffatuu dha.
PSA 22:7 Warri na argan hundinuu natti kolfu; mataa isaanii raasanii na arrabsu.
PSA 22:8 Akkanas jedhu; “Inni Waaqayyoon amanata; mee Waaqayyo isa haa oolchu kaa. Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu.”
PSA 22:9 Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.
PSA 22:10 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
PSA 22:11 Ati narraa hin fagaatin; rakkinni dhiʼaateeraatii; namni na gargaarus hin jiru.
PSA 22:12 Korommiin baayʼeen na marsu; korommiin Baashaan jajjaboonis karaa hundumaan na marsu.
PSA 22:13 Isaanis akka leenca beelaʼee aaduu afaan isaanii balʼisanii natti banatu.
PSA 22:14 Ani akkuma bishaaniitti nan dhangalaafame; lafeen koo hundinuus wal gad dhiise. Onneen koo gara gagaatti geeddarame; na keessattis baqe.
PSA 22:15 Jabinni koo akka qiraacii goge; arrabni koo laagaatti na maxxane; awwaara duʼaa keessas na ciibsite.
PSA 22:16 Saroonni na marsaniiru; gareen namoota hamoo na marseera; isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru.
PSA 22:17 Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa; isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu.
PSA 22:18 Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan.
PSA 22:19 Yaa Waaqayyo, ati garuu narraa hin fagaatin; yaa Jabina koo na gargaaruuf ariifadhu.
PSA 22:20 Lubbuu koo goraadee jalaa, jireenya koo immoo humna sarootaa jalaa baasi.
PSA 22:21 Afaan leencaa jalaa na miliqsi; gaanfa gafarsaa jalaas na baasi.
PSA 22:22 Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa keessattis sin jajadha.
PSA 22:23 Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa! Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa! Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!
PSA 22:24 Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne yookaan hin balfineetii; yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis, ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.
PSA 22:25 Galanni ani yaaʼii guddaa irratti siif galchu si biraa dhufa; warra si sodaatan durattis wareega koo of irraa nan baasa.
PSA 22:26 Hiyyeeyyiin nyaatanii quufu; warri Waaqayyoon barbaaddatanis isa ni jajatu; garaan keessan bara baraan haa jiraatu!
PSA 22:27 Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; gara Waaqayyoottis ni deebiʼa; maatiiwwan sabootaa hundinuus fuula isaa duratti ni sagadu;
PSA 22:28 mootummaan kan Waaqayyootii; innis saboota hunda ni bulcha.
PSA 22:29 Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus; warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi fuula isaa duratti ni jilbeenfatu.
PSA 22:30 Dhaloonni dhufu isa tajaajila; dhaloota boriittis waaʼeen Gooftaa ni himama.
PSA 22:31 Sababii inni waan kana hojjeteef, isaan saba dhalachuuf jirutti qajeelummaa isaa ni labsu.
PSA 23:1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
PSA 23:2 Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;
PSA 23:3 inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa.
PSA 23:4 Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
PSA 23:5 Ati utuma diinonni koo ilaalanuu fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. Mataa koo zayitii dibda; xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.
PSA 23:6 Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
PSA 24:1 Faarfannaa Daawit. Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti;
PSA 24:2 inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; bishaan irras ishee dhaabeera.
PSA 24:3 Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?
PSA 24:4 Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
PSA 24:5 Inni Waaqayyo biraa eebba, Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.
PSA 24:6 Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti; kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti.
PSA 24:7 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii, akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa.
PSA 24:8 Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa, Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.
PSA 24:9 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf mataa keessan ol qabadhaa.
PSA 24:10 Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun, inni Mootii ulfinaa ti.
PSA 25:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani lubbuu koo gara keetti ol nan qaba.
PSA 25:2 Yaa Waaqa koo ani sin amanadha. Ati na hin qaanessin; akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.
PSA 25:3 Namni si eeggatu tokko iyyuu yoom iyyuu hin qaaneffamu; warri sababii malee yakka hojjetan garuu ni qaaneffamu.
PSA 25:4 Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi; daandii kees na barsiisi;
PSA 25:5 ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
PSA 25:6 Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu; isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
PSA 25:7 Cubbuu afaan kootii yookaan dogoggora koo hin yaadatin; yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
PSA 25:8 Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas; kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
PSA 25:9 Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.
PSA 25:10 Karaan Waaqayyoo hundinuu warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.
PSA 25:11 Yaa Waaqayyo, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.
PSA 25:12 Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu? Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.
PSA 25:13 Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti; sanyiin isaas lafa dhaala.
PSA 25:14 Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu; kakuu isaa illee isaan beeksisa.
PSA 25:15 Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala; inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
PSA 25:16 Gara kootti garagali; garaas naa laafi; ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.
PSA 25:17 Yaaddoon garaa kootii baayʼateera; dhiphina koo keessaas na baasi.
PSA 25:18 Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali; cubbuu koo hunda naa dhiisi.
PSA 25:19 Akka diinonni koo baayʼatan, hammam akka cimsanii na jibban argi!
PSA 25:20 Lubbuu koo eegi; na oolchis; sababii ani kooluu sitti galeef, akka ani qaanaʼu na hin godhin.
PSA 25:21 Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi qajeelummaan ana haa eegan.
PSA 25:22 Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa Israaʼelin furi!
PSA 26:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera.
PSA 26:2 Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori;
PSA 26:3 jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
PSA 26:4 Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;
PSA 26:5 ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; hamoota wajjinis hin taaʼu.
PSA 26:6 Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.
PSA 26:7 Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
PSA 26:8 Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.
PSA 26:9 Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;
PSA 26:10 warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.
PSA 26:11 Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; ati na furi; araaras naa buusi.
PSA 26:12 Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.
PSA 27:1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa?
PSA 27:2 Namoonni hamoon yommuu foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, diinonni koo fi amajaajonni koo yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.
PSA 27:3 Yoo duulli na marse illee, garaan koo hin sodaatu; yoo waraanni natti baname illee ani hin raafamu.
PSA 27:4 Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha; waan kanas nan barbaada: Kunis bara jireenya kootii guutuu mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa keessatti isa kadhachuu dha.
PSA 27:5 Inni guyyaa rakkinaa iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; kattaa gubbaattis ol na baasa.
PSA 27:6 Yommus diinota na marsanii olitti mataan koo ol jedha; dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa; Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.
PSA 27:7 Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi; naaf araarami; deebiis naaf kenni.
PSA 27:8 Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti, garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha.
PSA 27:9 Fuula kee na duraa hin dhoksin; aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin; ati gargaaraa koo taateerta. Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko, na hin gatin; na hin dhiisinis.
PSA 27:10 Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, Waaqayyo na simata.
PSA 27:11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; sababii ani diinota baayʼee qabuuf daandii qajeelaa irra na buusi.
PSA 27:12 Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin; dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii; isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.
PSA 27:13 Anis biyya jiraattotaa keessatti gaarummaa Waaqayyoo akkan argu amma iyyuu nan amana.
PSA 27:14 Waaqayyoon eeggadhu; cimi; jabaadhus; Waaqayyoon eeggadhu.
PSA 28:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, Kattaa ko, ani sin waammadha; ati na jalaa hin didin. Yoo ati na jalaa didde, ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
PSA 28:2 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee gara Iddoo Qulqullummaa kee kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi.
PSA 28:3 Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin, warra garaa isaaniitti hammina qabatanii olloota isaanii wajjin garuu nagaa dubbatan wajjin na hin balleessin.
PSA 28:4 Akka hojii isaaniitti, akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif; akkuma hojii harka isaaniitti kenniif; gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi.
PSA 28:5 Sababii isaan hojii Waaqayyoo, yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneef inni isaan diiga; deebisees isaan hin ijaaru.
PSA 28:6 Waaqayyo haa eebbifamu! Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii.
PSA 28:7 Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti; garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera. Garaan koo baayʼee gammada; anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.
PSA 28:8 Waaqayyo jabina saba isaa ti; dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.
PSA 28:9 Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi; tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.
PSA 29:1 Faarfannaa Daawit. Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.
PSA 29:2 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.
PSA 29:3 Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira; Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa; Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.
PSA 29:4 Sagaleen Waaqayyoo humna qaba; sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.
PSA 29:5 Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa; Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa.
PSA 29:6 Inni Libaanoonin akka jabbiitti, Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
PSA 29:7 Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
PSA 29:8 Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa; Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa.
PSA 29:9 Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira; bosonas qullaatti hambisa. Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.
PSA 29:10 Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa; Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.
PSA 29:11 Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.
PSA 30:1 Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuutee akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef, ani sin jajadha.
PSA 30:2 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.
PSA 30:3 Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte; akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.
PSA 30:4 Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa; maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.
PSA 30:5 Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa.
PSA 30:6 Anis yommuun nagaa argadhetti, “Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe.
PSA 30:7 Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin akka tulluu jabaatti na dhaabde; yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu naasuutu na qabate.
PSA 30:8 Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:
PSA 30:9 “Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas faayidaa maaliitu argama? Biyyoon si galateeffataa? Amanamummaa kees ni odeessaa?
PSA 30:10 Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris; Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi.”
PSA 30:11 Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte; wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
PSA 30:12 kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.
PSA 31:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin; qajeelummaa keetiin na oolchi.
PSA 31:2 Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi; kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi; na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.
PSA 31:3 Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
PSA 31:4 Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef, kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi.
PSA 31:5 Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha; yaa Waaqayyo Waaqa dhugaa, ati na furi.
PSA 31:6 Ani warra waaqota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba; Waaqayyoon garuu nan amanadha.
PSA 31:7 Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas; ati dhiphina koo argiteertaatii; rakkina lubbuu kootii illee beekteerta.
PSA 31:8 Ati dabarsitee diinatti na hin kennine; miilla koos iddoo balʼaa irra dhaabdeerta.
PSA 31:9 Yaa Waaqayyo, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi; iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru.
PSA 31:10 Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera; jabinni koo sababii dhiphina kootiitiif laafeera; lafeen koos xuuxameera.
PSA 31:11 Sababii diinota koo hundaatiif, ani olloota koo biratti waan sodaachisaa, michoota koo biratti immoo waan jibbisiisaa taʼeera; warri karaa irratti na arganis na baqatu.
PSA 31:12 Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera; akkuma qodaa cabaas nan taʼe.
PSA 31:13 Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii; kallattii hundaan sodaatu jira! Isaan natti malatanii lubbuu koo balleessuuf mariʼatan.
PSA 31:14 Yaa Waaqayyo, ani garuu sin amanadha; “Ati Waaqa koo ti” nan jedha.
PSA 31:15 Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa, warra na ariʼatan harkaas na baasi.
PSA 31:16 Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu; jaalala kee kan hin geeddaramne sanaanis na baraari.
PSA 31:17 Yaa Waaqayyo, ani hin qaaneffamin; ani si waammadheeraatii; warri hamoon garuu haa qaaneffaman; calʼisaniis siiʼool keessa haa buʼan.
PSA 31:18 Afaan soba dubbatu, kan of tuulummaa fi tuffiidhaan, nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu.
PSA 31:19 Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse, kan ati fuula namootaa duratti warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!
PSA 31:20 Daʼoo fuula keetiitiin, waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita; dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita.
PSA 31:21 Waaqayyo haa eebbifamu; inni yeroo ani magaalaa marfamte keessa turetti, jaalala isaa dinqisiisaa sana na argisiiseeraatii.
PSA 31:22 Ani yeroon akka malee dhiphadhetti, “Ani fuula kee duraa badeera!” jedheen ture. Ati garuu yeroo ani gargaarsaaf sitti iyyadhetti, kadhannaa koo naa dhageesse.
PSA 31:23 Qulqulloonni isaa hundinuu, Waaqayyoon jaalladhaa! Waaqayyo amanamoota ni eega; of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf.
PSA 31:24 Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa; garaan keessan hin sodaatin.
PSA 32:1 Faarfannaa Daawit. Maskiil. Namni yakki isaa dhiifameef, kan cubbuun isaas haguugameef, eebbifamaa dha.
PSA 32:2 Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne, kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, eebbifamaa dha.
PSA 32:3 Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiin, lafeen koo ni bosose.
PSA 32:4 Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii; jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.
PSA 32:5 Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; balleessaa koos si hin dhokfanne. Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe; atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
PSA 32:6 Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu, yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu; lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.
PSA 32:7 Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; rakkina irraa na eegda; faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
PSA 32:8 Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.
PSA 32:9 Isin akka farda yookaan gaangoo hubannaa hin qabnee hin taʼinaa; isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee gara kee hin dhufan.
PSA 32:10 Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha; araarri Waaqayyoo garuu nama isa amanatu ni marsa.
PSA 32:11 Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas; warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.
PSA 33:1 Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; isa jajuun tolootaaf ni mala.
PSA 33:2 Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa; baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.
PSA 33:3 Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa; sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.
PSA 33:4 Dubbiin Waaqayyoo qajeelaadhaatii; inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.
PSA 33:5 Waaqayyo qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata; laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.
PSA 33:6 Samiiwwan dubbii Waaqayyootiin hojjetaman; tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.
PSA 33:7 Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba; bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.
PSA 33:8 Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
PSA 33:9 Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe; inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.
PSA 33:10 Waaqayyo marii sabootaa ni fashaleessa; akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.
PSA 33:11 Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
PSA 33:12 Sabni Waaqayyo Waaqa isaaf taʼe, namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.
PSA 33:13 Waaqayyo samii irraa gad ni ilaala; ilmaan namootaa hundas ni arga;
PSA 33:14 inni teessoo isaa irra taaʼee, warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;
PSA 33:15 inni garaa nama hundumaa uumu sun, hojii isaanii hunda ni hubata.
PSA 33:16 Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu; jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.
PSA 33:17 Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha; guddinni humna isaas nama hin oolchu.
PSA 33:18 Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra, warra araara isaa abdatan irras jira;
PSA 33:19 inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa; bara beelaas isaan ni jiraachisa.
PSA 33:20 Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti; innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
PSA 33:21 Garaan keenya isatti ni gammadaatii; nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.
PSA 33:22 Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.
PSA 34:1 Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate. Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa; galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.
PSA 34:2 Lubbuun koo Waaqayyoon boonti; cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.
PSA 34:3 Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa; kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.
PSA 34:4 Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase.
PSA 34:5 Warri gara isaa ilaalan ni ifu; fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.
PSA 34:6 Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe; rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.
PSA 34:7 Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii ni qubata; isaan ni oolchas.
PSA 34:8 Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
PSA 34:9 Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa; warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
PSA 34:10 Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
PSA 34:11 Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa; anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa.
PSA 34:12 Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis bara baayʼee hawwu eenyu?
PSA 34:13 Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
PSA 34:14 Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu; nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
PSA 34:15 Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira; gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;
PSA 34:16 yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.
PSA 34:17 Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
PSA 34:18 Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.
PSA 34:19 Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha; Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
PSA 34:20 lafee isaa hunda ni eega; isaan keessaas tokko illee hin cabu.
PSA 34:21 Hamoota hamminatu ajjeesa; warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.
PSA 34:22 Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura; warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.
PSA 35:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, warra anaan mormaniin mormi; warra na lolanis loli.
PSA 35:2 Gaachanaa fi miʼa lolaa qabadhu; na gargaaruudhaafis kaʼi.
PSA 35:3 Warra na ariʼanitti eeboo fi bodee luqqifadhu. Lubbuu kootiinis, “Fayyinni kee ana” jedhi.
PSA 35:4 Warri lubbuu koo barbaadan, haa qaanaʼan; haa salphatanis; warri na balleessuuf mariʼatanis, abdii kutatanii duubatti haa deebiʼan.
PSA 35:5 Akka habaqii qilleensaan fudhatamee haa taʼan; ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
PSA 35:6 Karaan isaanii dukkanaaʼaa fi mucucaataa haa taʼu; ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
PSA 35:7 Isaan sababii malee kiyyoo isaanii dhoksanii na dura kaaʼaniiruutii; sababii malees boolla naa qotaniiru;
PSA 35:8 utuu inni hin beekin badiisni isatti haa dhufu; kiyyoon inni dhokse sunis isuma haa qabu; boolluma qote sanattis haa kufu.
PSA 35:9 Yoos lubbuun ko, Waaqayyotti gammaddi; fayyisuu isaattis ni ililchiti.
PSA 35:10 Lafeen koo hundi akkana siin jedha: “Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu? Ati dadhabdoota warra isaan caalaa jabaatan jalaa baafta; hiyyeeyyii fi rakkattoota illee saamtota jalaa baafta.”
PSA 35:11 Dhuga baatonni sobaa natti kaʼan; waan ani waaʼee isaa hin beeknes na gaafatu.
PSA 35:12 Isaan qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisu; lubbuu koos kophaatti hambisu.
PSA 35:13 Ani garuu yeroo isaan dhibamanitti, wayyaa gaddaa nan uffadhe; lubbuu koos soomaan nan miidhe. Yeroo kadhannaan koo deebii malee hafettis
PSA 35:14 ani akkuma waan michuu kootiif yookaan obboleessa kootiif gadduutti, gaddaan asii fi achi deddeebiʼe. Akkuma waan haadha kootiif booʼuuttis, gaddaan mataa koo nan buuse.
PSA 35:15 Isaan garuu yeroo ani gufadhetti gammadanii walitti qabaman; utuu ani hin beekin na marsan; utuu wal irraa hin kutinis na cicciratan.
PSA 35:16 Isaan akkuma warra Waaqatti hin bulleetti hamminaan natti qoosan; ilkaan isaanii illee natti qaratan.
PSA 35:17 Yaa Gooftaa, ati hamma yoomiitti calʼistee ilaalta? Lubbuu koo badiisa isaan fidan jalaa, jireenya koos leenca jalaa baasi.
PSA 35:18 Ani wal gaʼii guddaa keessatti sin galateeffadha; tuuta guddaa keessatti sin jajadha.
PSA 35:19 Warri akkasumaan diina natti taʼan natti hin gammadin; warri sababii malee na jibban sunis ija natti hin qisin.
PSA 35:20 Isaan nagaa hin dubbatan; warra qabbanaan biyya keessa jiraatanittis, mala sobaa malatu.
PSA 35:21 Isaanis, “Baga! Baga! Ijuma keenyaan isa argine” jedhanii afaan natti banatu.
PSA 35:22 Yaa Waaqayyo, ati waan kana argiteerta; hin calʼisin. Yaa gooftaa, narraa hin fagaatin.
PSA 35:23 Yaa Waaqa koo fi Gooftaa ko, ati mirga kootiif, dhimma kootiifis dammaqi; kaʼi!
PSA 35:24 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, akkuma qajeelummaa keetiitti naa murteessi; akka isaan natti gammadanis hin godhin.
PSA 35:25 Akka isaan, “Baga! Akkuma nu barbaanne taʼeera!” jedhan, yookaan akka isaan, “Nu isa liqimsineerra” jedhan hin godhin.
PSA 35:26 Warri dhiphina kootti gammadan hundinuu haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri natti kooran hundinuus, qaanii fi salphina haa uffatan.
PSA 35:27 Warri qajeelumma koo jaallatan, sagalee guddaadhaan haa ililchan; haa gammadanis. Isaan yeroo hunda, “Waaqayyo inni nagaa garbicha isaatti gammadu guddaa dha” haa jedhan.
PSA 35:28 Arrabni koo qajeelummaa kee, guyyaa guutuus galata kee odeessa.
PSA 36:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha Waaqayyoo. Ani waaʼee cubbamootaa, ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba: Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.
PSA 36:2 Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis, isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu.
PSA 36:3 Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha; isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru.
PSA 36:4 Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu; karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan.
PSA 36:5 Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira, amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.
PSA 36:6 Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti; murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti. Yaa Waaqayyo, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta.
PSA 36:7 Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
PSA 36:8 Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu; atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
PSA 36:9 Burqaan jireenyaa si bira jiraatii; nu ifa keetiin ifa argina.
PSA 36:10 Jaalala kee warra si beekaniif, qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.
PSA 36:11 Miilli of tuultotaa natti hin dhufin; harki hamootaas dhiibee na hin fageessin.
PSA 36:12 Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru; gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!
PSA 37:1 Faarfannaa Daawit. Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.
PSA 37:2 Isaan akkuma margaa dafanii coollagu; akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.
PSA 37:3 Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu; biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
PSA 37:4 Waaqayyotti gammadi; innis hawwii garaa keetii siif guuta.
PSA 37:5 Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.
PSA 37:6 Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti, murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.
PSA 37:7 Waaqayyo duratti calʼisi; obsaanis isa eeggadhu; nama karaan isaa qajeeleefitti, kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
PSA 37:8 Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi; hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.
PSA 37:9 Namoonni hamoon ni balleeffamuutii; warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.
PSA 37:10 Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan; yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.
PSA 37:11 Garraamonni garuu lafa ni dhaalu; nagaa guddaadhaanis ni gammadu.
PSA 37:12 Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu; ilkaan isaaniis isatti qaratu;
PSA 37:13 Gooftaan hamootatti ni kolfa; inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.
PSA 37:14 Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.
PSA 37:15 Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; iddaan isaaniis ni caccaba.
PSA 37:16 Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra, waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
PSA 37:17 humni hamootaa ni cabaatii; Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
PSA 37:18 Waaqayyo bara tolootaa ni beeka; dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
PSA 37:19 Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan; bara beelaa keessas ni quufu.
PSA 37:20 Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu; diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti; isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.
PSA 37:21 Namoonni hamoon ni liqeeffatu; garuu deebisanii of irraa hin baasan; qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;
PSA 37:22 warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu; warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.
PSA 37:23 Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama; inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
PSA 37:24 Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu; Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
PSA 37:25 Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera; garuu qajeeltonni gatamuu isaanii yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
PSA 37:26 Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
PSA 37:27 Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu; yoos ati bara baraan ni jiraatta.
PSA 37:28 Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii; warra isaaf amanamanis hin gatu. Isaanis bara baraan ni eegamu; sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
PSA 37:29 Qajeeltonni lafa ni dhaalu; bara baraanis ishee irra ni jiraatu.
PSA 37:30 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
PSA 37:31 Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira; miilli isaas hin mucucaatu.
PSA 37:32 Namoonni hamoon qajeeltota gaadu; isaan ajjeesuus ni barbaadu;
PSA 37:33 Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti, akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.
PSA 37:34 Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi. Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna; atis badiisa hamootaa ni argita.
PSA 37:35 Nama hamaa fi gara jabeessa, isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.
PSA 37:36 Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre; ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.
PSA 37:37 Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali; sanyiin nama nagaa hin baduutii.
PSA 37:38 Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu; galgalli nama hamaas hin tolu.
PSA 37:39 Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa; inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
PSA 37:40 Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas; harka namoota hamoo jalaa isaan baasa; isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.
PSA 38:1 Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf. Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
PSA 38:2 Xiyyooliin kee na waraananiiru; harki kees akka malee natti ulfaateera.
PSA 38:3 Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera; sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera.
PSA 38:4 Cubbuun koo na liqimseeraatii; akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera.
PSA 38:5 Sababii gowwummaa kootiitiif, madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes.
PSA 38:6 Ani gad nan qabame; gadis nan cabe; guyyaa guutuus gaddaan oola.
PSA 38:7 Dugdi koo na bobaʼa; dhagni koos fayyaa hin qabu.
PSA 38:8 Ani laafeera; akka malees bututeera; garaan koo dhiphatee ani aadaan jira.
PSA 38:9 Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha; argansuun koo si duraa hin dhokatu.
PSA 38:10 Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera; ifni ija kootiis badeera.
PSA 38:11 Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan; firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu.
PSA 38:12 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru; warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu; guyyaa guutuus hammina natti yaadu.
PSA 38:13 Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii.
PSA 38:14 Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera.
PSA 38:15 Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha; yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.
PSA 38:16 Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan hin eeyyamin” jedheeraatii.
PSA 38:17 Ani kufuu gaʼeeraatii; dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne.
PSA 38:18 Ani balleessaa koo nan himadha; sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.
PSA 38:19 Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha; warri sababii malee na jibbanis hedduu dha.
PSA 38:20 Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti; ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii.
PSA 38:21 Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin; yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin.
PSA 38:22 Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko, na gargaaruudhaaf ariifadhu!
PSA 39:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha; arraba koos cubbuu irraa nan ittisa; hamma namni hamaan na bira jiruttis, afaan kootti luugama nan kaaʼadha.”
PSA 39:2 Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe; waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe; dhiphinni koo garuu ittuma caale;
PSA 39:3 onneen koo na keessatti bulluqaa deeme; yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe; anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe:
PSA 39:4 Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi; dheerina umurii kootiis na barsiisi; jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.
PSA 39:5 Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta; umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu; jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.
PSA 39:6 Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa; dhugumaan inni akkasumaan goolama; namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.
PSA 39:7 “Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha? Abdiin koo suma irra jira.
PSA 39:8 Dogoggora koo hunda irraa na oolchi; nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin.
PSA 39:9 Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu; kan waan kana godhe sumaatii.
PSA 39:10 Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii; dhaʼicha kee narraa fuudhi.
PSA 39:11 Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas; akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita; dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.
PSA 39:12 “Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu; booʼicha koos calʼistee hin ilaalin. Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii; akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti.
PSA 39:13 Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.”
PSA 40:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe; innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
PSA 40:2 Inni boolla sodaachisaa keessaa, dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase; miilla koo kattaa irra dhaabe; ejjeta koos naa jabeesse.
PSA 40:3 Innis faarfannaa haaraa, faarfannaa galataas afaan koo keessa Waaqa keenyaaf kaaʼe. Namoonni baayʼeen arganii Waaqayyo sodaatu; isas ni amanatu.
PSA 40:4 Namni Waaqayyoon abdatu, kan gara of tuultotaa hin ilaalle, namni warra karaa irraa jalʼatanii waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.
PSA 40:5 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, dinqiin ati hojjette baayʼee dha; waan ati nuuf yaadde, namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru; yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee, baayʼinni isaanii hamma hin qabu.
PSA 40:6 Ati aarsaa fi kennaa hin feene; gurra koo garuu naa banteerta; aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.
PSA 40:7 Yeroo sana ani akkana nan jedhe; “Ani kunoo ti; ani dhufeera; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.
PSA 40:8 Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada; seerri kee garaa koo keessa jira.”
PSA 40:9 Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa; Yaa Waaqayyo, akkuma ati beektu, ani afaan koo hin qabadhu.
PSA 40:10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu; waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa; jaalala keetii fi dhugaa kees yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.
PSA 40:11 Yaa Waaqayyo araara kee na hin dhowwatin; jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
PSA 40:12 Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii; cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera; cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata; onneen koos na keessatti laafteerti.
PSA 40:13 Yaa Waaqayyo, na fayyisuutti gammadi; yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf dafii kottu.
PSA 40:14 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis. Warri badii koo hawwan hundi, qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
PSA 40:15 Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan, qaanii isaaniitiin haa rifatan.
PSA 40:16 Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan. Warri fayyisuu kee jaallatan yeroo hunda, “Waaqayyo guddaa dha!” haa jedhan.
PSA 40:17 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; taʼus Gooftaan naaf yaada. Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqa ko, hin turin.
PSA 41:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.
PSA 41:2 Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.
PSA 41:3 Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.
PSA 41:4 Anis, “Yaa Waaqayyo na maari; ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe.
PSA 41:5 Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaa lafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
PSA 41:6 Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti, utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata; gad baʼees iddoo hundumatti odeessa.
PSA 41:7 Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu; waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu.
PSA 41:8 Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera; inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu.
PSA 41:9 Michuun koo inni natti dhiʼaatu, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate.
PSA 41:10 Ati garuu yaa Waaqayyo na baasi; akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi.
PSA 41:11 Akka ati natti gammaddu ani beeka; diinni koo narra hin aanuutii.
PSA 41:12 Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda; baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda.
PSA 41:13 Waaqayyo Waaqni Israaʼel, bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu.
PSA 42:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana, yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.
PSA 42:2 Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti. Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga?
PSA 42:3 Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera; namoonni guyyaa guutuu “Waaqni kee eessa jira?” anaan jedhuutii.
PSA 42:4 Ani yommuun waan kana yaadadhutti, lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa: ilillee fi faarfannaa galataatiin tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko, hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.
PSA 42:5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu; ani amma iyyuu isa nan jajadha. Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
PSA 42:6 Lubbuun koo na keessatti gadditeerti; kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa, fiixee Hermoonii fi Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.
PSA 42:7 Huursaa fincaaʼaa keetiitiin, tuujubni tuujuba waama; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.
PSA 42:8 Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja; halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira; kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.
PSA 42:9 Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha; “Ati maaliif na dagatte? Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?”
PSA 42:10 Amajaajonni koo guyyaa guutuu, “Waaqni kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan, akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.
PSA 42:11 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
PSA 43:1 Yaa Waaqi, naa murteessi; saba hin amanametti dubbii koo naa falmi; gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi.
PSA 43:2 Ati Waaqa jabina kootii ti. Maaliif na gatte? Ani maaliifin diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?
PSA 43:3 Ifa keetii fi dhugaa kee ergi; isaan na haa qajeelchan; gara tulluu kee qulqulluutti, gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.
PSA 43:4 Yoos ani gara iddoo aarsaa Waaqaa, gara Waaqa gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa. Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ani baganaadhaan sin galateeffadha.
PSA 43:5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
PSA 44:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqi, waan ati bara durii, jabana isaanii keessa hojjette sana, abbootiin keenya nutti himaniiru; nuus gurra keenyaan dhageenyeerra.
PSA 44:2 Ati harka keetiin saboota ariitee baafte; abbootii keenya immoo ni dhaabde; namoota ni balleessite; abbootii keenya garuu bilisa baafte.
PSA 44:3 Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle; yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne; ati isaan jaallatteertaatii.
PSA 44:4 Ati Mootii koo fi Waaqa koo kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha.
PSA 44:5 Nu siin diinota keenya duubatti deebifna; maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna.
PSA 44:6 Ani iddaa koo hin amanadhu; goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu;
PSA 44:7 ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita; warra nu jibban immoo ni qaanessita.
PSA 44:8 Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna; maqaa kees bara baraan ni galateeffanna.
PSA 44:9 Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta; ati loltoota keenya wajjin hin baane.
PSA 44:10 Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta; warri nu jibbanis nu saamaniiru.
PSA 44:11 Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta; ormoota keessas nu bittinneessiteerta.
PSA 44:12 Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta; gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne.
PSA 44:13 Ollaa keenya duratti nama kolfaa, warra naannoo keenyaa birattis waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta.
PSA 44:14 Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote; namoonnis mataa nutti raasan.
PSA 44:15 Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira; fuulli koos qaaniidhaan haguugameera.
PSA 44:16 Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif, sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe.
PSA 44:17 Kun hundi nutti dhufeera; taʼus nu si hin daganne; yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne.
PSA 44:18 Garaan keenya dugda duubatti hin deebine; tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne.
PSA 44:19 Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite; dukkana hamaadhaan nu haguugde.
PSA 44:20 Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee, yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee,
PSA 44:21 silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee? Inni icciitii garaa namaa beekaatii.
PSA 44:22 Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.
PSA 44:23 Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta? Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin.
PSA 44:24 Ati maaliif fuula kee dhokfatta? Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta?
PSA 44:25 Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii; garaan keenyas lafatti maxxaneera.
PSA 44:26 Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee kan hin geeddaramneetiifis nu furi.
PSA 45:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa. Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti, yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa; arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.
PSA 45:2 Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha; hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa; kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera.
PSA 45:3 Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu; ulfinaa fi surraa uffadhu.
PSA 45:4 Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif, miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi; harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.
PSA 45:5 Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan; saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.
PSA 45:6 Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
PSA 45:7 Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita; kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti, zayitiidhaan gammachuu si dibeera.
PSA 45:8 Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan, argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa; masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.
PSA 45:9 Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru; mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee karaa harka mirga keetii dhaabatti.
PSA 45:10 Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi; saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.
PSA 45:11 Mootiin miidhagina kee hawwa; waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.
PSA 45:12 Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti; sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.
PSA 45:13 Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti; uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.
PSA 45:14 Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee gara mootiitti geeffamti; durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii gara keetti fidamu.
PSA 45:15 Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu; masaraa mootichaas ni seenu.
PSA 45:16 Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan; atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.
PSA 45:17 Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha; kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.
PSA 46:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin. Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
PSA 46:2 Kanaafuu yoo lafti raafamtee tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
PSA 46:3 Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
PSA 46:4 Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.
PSA 46:5 Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu; ganama barii Waaqni ishee gargaara.
PSA 46:6 Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan; inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
PSA 46:7 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
PSA 46:8 Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa; badiisa inni lafa irratti fides argaa.
PSA 46:9 Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa; iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa; gaachanas ibiddaan guba.
PSA 46:10 “Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa; ani saboota gidduutti ol ol nan jedha; lafa irrattis ol ol nan jedha.”
PSA 46:11 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
PSA 47:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa; sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa.
PSA 47:2 Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!
PSA 47:3 Inni saboota nu jala, namootas miilla keenya jala galcheera.
PSA 47:4 Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef, dhaala keenya nuu fileera.
PSA 47:5 Waaqni ililleedhaan, Waaqayyo sagalee malakataatiin ol baʼe.
PSA 47:6 Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa; faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa.
PSA 47:7 Waaqni Mootii lafa hundaa ti; faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.
PSA 47:8 Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.
PSA 47:9 Qondaaltonni sabootaa, akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu; mootonni lafa irraa kan Waaqaatii; innis guddisee ol ol jedheera.
PSA 48:1 Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha; waan hundaa olittis galanni isaaf mala.
PSA 48:2 Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama; dheerina isaatiinis ni bareeda. Innis gammachuu addunyaa hundaa ti; magaalaa Mooticha Guddaatis.
PSA 48:3 Waaqni daʼannoo ishee keessa jira; inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.
PSA 48:4 Mootonni humna walitti daratanii tokkummaadhaan itti qajeelan.
PSA 48:5 Isaanis ishee arganii dinqifatan; sodaataniis baqatan.
PSA 48:6 Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti, hollannaan isaan qabate.
PSA 48:7 Atis bubbee baʼa biiftuutiin dooniiwwan Tarshiish caccabsite.
PSA 48:8 Akkuma dhageenye sana, magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti, magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra; Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.
PSA 48:9 Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti, jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.
PSA 48:10 Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii handaara lafaa gaʼa; harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.
PSA 48:11 Sababii murtii keetiitiif, Tulluun Xiyoon haa gammaddu; intallan Yihuudaas haa ililchan.
PSA 48:12 Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa; gamoowwan ishees lakkaaʼaa.
PSA 48:13 Dhaloota itti aanutti akka himtaniif, dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa; galma ishees ilaalaa.
PSA 48:14 Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.
PSA 49:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa; warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;
PSA 49:2 xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan dhaggeeffadhaa; kunis:
PSA 49:3 Afaan koo dubbii ogummaa dubbata; wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.
PSA 49:4 Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha; hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha.
PSA 49:5 Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon na marsanitti, ani maaliifan sodaadha?
PSA 49:6 Isaan qabeenya isaanii amanatu; guddina sooruma isaaniitiinis boonu.
PSA 49:7 Namni lubbuu nama gara biraa furu, yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru;
PSA 49:8 furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii; gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu;
PSA 49:9 silaa inni bara baraan ni jiraata; hin tortorus ture.
PSA 49:10 Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga; gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu; qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu.
PSA 49:11 Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee, awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii, dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa.
PSA 49:12 Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu; inni akkuma bineensa duʼee baduu ti.
PSA 49:13 Wanni namoota ofitti amanatanii fi warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma.
PSA 49:14 Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru; duuti tiksee isaanii ti; toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu; dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora; awwaallis mana jireenya isaanii ti.
PSA 49:15 Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa; inni dhugumaan ofitti na fudhata.
PSA 49:16 Yommuu namni tokko sooromu, yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin.
PSA 49:17 Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii; ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu.
PSA 49:18 Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu, yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee,
PSA 49:19 inni gara dhaloota abbootii isaa, gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa.
PSA 49:20 Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne, akkuma bineensaa duʼee bada.
PSA 50:1 Faarfannaa Asaaf. Waaqayyo, Humna Qabeessi dubbatee baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti lafa waameera.
PSA 50:2 Xiyoon ishee miidhaginni ishee hirʼina hin qabne irraa Waaqni ni ibsa.
PSA 50:3 Waaqni keenya ni dhufa; hin calʼisus; ibiddi hamaan fuula isaa dura, bubbeen jabaanis naannoo isaa jira.
PSA 50:4 Inni saba isaatti muruuf jedhee, samiiwwan oliitii fi lafa akkana jedhee ni waama:
PSA 50:5 “Qulqulloota koo warra aarsaadhaan na wajjin kakuu galan, gara kootti walitti naa qabaa.”
PSA 50:6 Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu; Waaqni mataan isaa abbaa murtiitii.
PSA 50:7 “Yaa saba ko, nan dubbadhaatii dhagaʼi; yaa Israaʼel, ani dhugaa sitti nan baʼa: Ani Waaqni Waaqa kee ti.
PSA 50:8 Ani aarsaa keetiif sitti hin dheekkamu; aarsaan kee inni gubamu yeroo hunda fuula koo dura jira.
PSA 50:9 Ani dallaa kee keessaa korma, yookaan karra kee keessaa korbeessa reʼee hin barbaadu.
PSA 50:10 Bineensi bosonaa hundinuu, horiin tulluu kuma irratti bobbaʼus kan kootii.
PSA 50:11 Ani simbirroota tulluuwwan irraa hunda beeka; wanni lafa irra sosochoʼu hundinuus kan koo ti.
PSA 50:12 Ani utuun beelaʼee iyyuu sitti hin himadhu ture; addunyaa fi wanni ishee keessa jiru hundi kanuma kootii.
PSA 50:13 Ani foon korommii nan nyaadhaa? Yookaan dhiiga reʼootaa nan dhugaa?
PSA 50:14 “Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi;
PSA 50:15 guyyaa rakkinaa na waammadhu; ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita.”
PSA 50:16 Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha: “Ati seera koo labsuudhaaf, kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda?
PSA 50:17 Ati adaba koo ni jibbita; dubbii koos of duubatti gatta.
PSA 50:18 Ati yoo hattuu argite isa michuu godhatta; ejjitoota wajjinis qooda qabaatta.
PSA 50:19 Ati afaan kee waan hamaa dubbachuuf itti fayyadamta; arraba kees gowwoomsaadhaaf dheereffatta.
PSA 50:20 Ati teessee obboleessa kee hamatta; ilma haadha kee maqaa balleessita.
PSA 50:21 Ati waan kana hunda hojjetteerta; ani immoo inuma calʼise; ati akkuma ofii keetii na seete. Amma garuu ani sin ifadha; ifatti baasees sin himadha.
PSA 50:22 “Isin warri Waaqa irraanfattan waan kana hubadhaa; yoo kanaa achii ani isin nan ciccira; namni isin oolchu tokko iyyuu hin jiru.
PSA 50:23 Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna; anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa.”
PSA 51:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee kan hin geeddaramne sanaatti na maari; akkuma baayʼina araara keetiitti, yakka koo narraa haqi.
PSA 51:2 Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; cubbuu koo irraas na qulqulleessi.
PSA 51:3 Ani yakka koo beekaatii; cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira.
PSA 51:4 Ani sitti, suma qofatti cubbuu hojjedheera; waan fuula kee duratti hamaa taʼes hojjedheera; kanaafuu ati murtii keetiin qajeelaa dha; yommuu murtii kennituttis hin dogoggortu.
PSA 51:5 Dhuguma iyyuu ani cubbuudhaanan dhaladhe; yeroo haati koo na ulfooftee jalqabees cubbamaan ture.
PSA 51:6 Ati keessa namaatti dhugaa hawwita; kanaafuu keessa kootti ogummaa na barsiisi.
PSA 51:7 Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.
PSA 51:8 Gammachuu fi ilillee na dhageessisi; lafeen ati caccabsites haa ililchu.
PSA 51:9 Fuula kee cubbuu koo irraa deebifadhu; yakka koo hundas narraa haqi.
PSA 51:10 Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
PSA 51:11 Fuula kee duraa na hin balleessin; Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.
PSA 51:12 Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.
PSA 51:13 Anis warra karaa kee irraa jalʼatan nan barsiisa; cubbamoonnis gara kee ni deebiʼu.
PSA 51:14 Yaa Waaqi, Waaqa na Fayyiftu, ati dhiiga dhangalaasuu irraa na oolchi; arrabni koos qajeelummaa kee ni faarfata.
PSA 51:15 Yaa Gooftaa, hidhii koo naa bani; afaan koos galata kee labsa.
PSA 51:16 Ati aarsaatti hin gammaddu malee silaa nan dhiʼeessa ture; aarsaa gubamuttis hin gammaddu.
PSA 51:17 Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.
PSA 51:18 Jaalala keetiin Xiyooniif waan gaarii godhi; dallaa Yerusaalem ijaari.
PSA 51:19 Yoos ati aarsaa qajeelaatti, qalma gubamuu fi qalma akkuma jirutti gubamutti ni gammadda; korommiinis iddoo aarsaa kee irratti ni dhiʼeeffaman.
PSA 52:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Daawit. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, “Daawit gara mana Ahiimelekii dhufeera” jedhee itti himetti faarfatame. Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta? Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu, maaliif guyyaa guutuu koorta?
PSA 52:2 Ati namni nama gowwoomsitu, arrabni kee badiisa qopheessa; arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.
PSA 52:3 Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.
PSA 52:4 Yaa arraba gowwoomsituu nana, ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.
PSA 52:5 Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.
PSA 52:6 Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan; isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;
PSA 52:7 “Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin, qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee jalʼina ofiitti ciche!”
PSA 52:8 Ani garuu akkuma ejersa mana Waaqaa keessatti lalisuu ti; baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan hin geeddaramne sana nan amanadha.
PSA 52:9 Sababii ati waan kana gooteef ani bara baraan sin galateeffadha; sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha. Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.
PSA 53:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
PSA 53:2 Waaqni yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
PSA 53:3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.
PSA 53:4 Warri hammina hojjetan, kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
PSA 53:5 Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti, sodaadhaan liqimfamaniiru. Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa; sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.
PSA 53:6 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!
PSA 54:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame. Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; humna keetiinis naa murteessi.
PSA 54:2 Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
PSA 54:3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.
PSA 54:4 Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
PSA 54:5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
PSA 54:6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; inni gaariidhaatii.
PSA 54:7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.
PSA 55:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yaa Waaqi, kadhannaa koo dhagaʼi; waammata koo jalaas hin didin.
PSA 55:2 Na dhagaʼiitii deebii naa kenni; komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera.
PSA 55:3 Sagalee diinaatiin, cunqursa namoota hamoos dhufe; isaan dhiphina natti fiduutii; aariidhaanis na jibbu.
PSA 55:4 Lapheen koo na keessatti dhiphatte; sodaan duʼaas na qabate.
PSA 55:5 Sodaa fi hollannaan natti dhufeera; naasuunis na fudhateera.
PSA 55:6 Anis akkana nan jedhe; “Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee! Silaa asii barrisee nan boqodhan ture.
PSA 55:7 Silaa fagootti baqadhee gammoojjii keessa nan bubbula ture;
PSA 55:8 silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture.”
PSA 55:9 Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi; dubbii isaaniis waliin dhaʼi; ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.
PSA 55:10 Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu; jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira.
PSA 55:11 Ishee keessa badiisatu jira; nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu.
PSA 55:12 Utuu diinni na arrabsee, silaa obsuu nan dandaʼa ture; utuu amajaajiin natti kaʼee, silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture.
PSA 55:13 Garuu siʼi namuma akka kootii, hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe.
PSA 55:14 Tokkummaadhaan mana Waaqaa walii wajjin deemne; haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.
PSA 55:15 Duuti tasa isaanitti haa dhufu; utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan; hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii.
PSA 55:16 Ani garuu Waaqa nan waammadha; Waaqayyos jalaa na baasa.
PSA 55:17 Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya; innis sagalee koo ni dhagaʼa.
PSA 55:18 Yoo namni baayʼeen anaan morme illee, inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa.
PSA 55:19 Waaqni inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun, Namoota karaa isaanii hin geeddaranne, kanneen Waaqa hin sodaanne ni dhagaʼa; isaan qaanessas.
PSA 55:20 Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate; kakuu isaa illee ni cabse.
PSA 55:21 Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu; garaa isaa keessa garuu lolatu jira; dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa; garuu goraadee luqqifamee dha.
PSA 55:22 Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu; inni si jiraachisa; namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
PSA 55:23 Yaa Waaqayyo, ati garuu namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta; warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni, walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan. Ani garuu sin amanadha.
PSA 56:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. Miiktaamii Faarfannaa Daawit. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate. Yaa Waaqi na maari; diinonni koo akka malee na ariʼu; guyyaa guutuus na cunqursu.
PSA 56:2 Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu; namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.
PSA 56:3 Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
PSA 56:4 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu. Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
PSA 56:5 Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru; na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.
PSA 56:6 Isaan ni mariʼatu; ni riphus; lubbuu koo galaafachuuf jedhanii tarkaanfii koo eeggatu.
PSA 56:7 Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin; yaa Waaqi, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.
PSA 56:8 Gadadamu koo galmeessi; imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi; isaan galmee kee keessa jiru mitii?
PSA 56:9 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti, diinonni koo dugda duuba deebiʼu. Anis kanaan akka Waaqni na wajjin jiru beeka.
PSA 56:10 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqayyo ani dubbii isaa jajadhu,
PSA 56:11 Waaqa nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?
PSA 56:12 Yaa Waaqi wareegni kee narra jira; aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.
PSA 56:13 Akka ani fuula Waaqaa dura, ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf, ati lubbuu koo duʼa jalaa, miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.
PSA 57:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate. Na maari; yaa Waaqa na maari; lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. Anis hamma balaan darbutti, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
PSA 57:2 Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.
PSA 57:3 Inni samii irraa ergee na oolcha; warra akka malee na ariʼan ni ifata; Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
PSA 57:4 Ani leencota gidduun jira; ani bineensota nama nyaatan, namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
PSA 57:5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
PSA 57:6 Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. Isaan karaa koo irratti boolla qotan; garuu isaanumattu keessatti kufe.
PSA 57:7 Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; nan weeddisas.
PSA 57:8 Yaa lubbuu ko, dammaqi! Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
PSA 57:9 Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
PSA 57:10 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
PSA 57:11 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
PSA 58:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawiti. Miiktaamii. Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii? Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii?
PSA 58:2 Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu; harki keessanis lafa irratti goolii kaasa.
PSA 58:3 Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu; gadameessa haadha isaaniitii jalqabniis karaa irraa goranii soba dubbatu.
PSA 58:4 Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti; isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee
PSA 58:5 sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti.
PSA 58:6 Yaa Waaqi ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi; qarriffaa leencotaas daaki, yaa Waaqayyo!
PSA 58:7 Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan; yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu.
PSA 58:8 Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti, akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin.
PSA 58:9 Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin, jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu.
PSA 58:10 Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada; miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata.
PSA 58:11 Yommus namoonni akkana ni jedhu; “Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira; dhugumaan Waaqni lafa irratti murtii kennu jira.”
PSA 59:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo Daawit kan “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Miiktaamii. Daawitis yeroo Saaʼol isa ajjeesuudhaaf jedhee namoota ergee mana isaa eegsisetti faarfate. Yaa Waaqi, diinota koo jalaa na baasi; warra natti kaʼan jalaas na furi.
PSA 59:2 Warra hammina hojjetan jalaa na baasi; namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari.
PSA 59:3 Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu! Yaa Waaqayyo, namoonni hamoon, utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu.
PSA 59:4 Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee; isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru. Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!
PSA 59:5 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, yaa Waaqa Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi; warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin.
PSA 59:6 Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu.
PSA 59:7 Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali; hidhii isaanii irra goraadeetu jira; isaanis, “Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhu.
PSA 59:8 Yaa Waaqayyo, ati garuu isaanitti kolfita; saboota sana hundumattis ni qoosta.
PSA 59:9 Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha; yaa Waaqi ati daʼoo koo,
PSA 59:10 Waaqa na jaallatuu dha. Waaqni fuula koo dura deema; akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.
PSA 59:11 Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya, ati garuu isaan hin ajjeesin; yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata. Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis.
PSA 59:12 Sababii cubbuu afaan isaaniitiif, sababii dubbii hidhii isaaniitiif, isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman. Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,
PSA 59:13 dheekkamsaan isaan balleessi; akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi. Kanaanis akka Waaqni Yaaqoob irratti mootii taʼe, hamma handaara lafaatti ni beekama.
PSA 59:14 Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu.
PSA 59:15 Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru; yoo quufuu baatan immoo ni iyyu.
PSA 59:16 Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha; ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha; ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
PSA 59:17 Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha; yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti; ati Waaqa ani abdadhuu dha.
PSA 60:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraa kakuu” jedhamuun faarfatame. Miiktaamii Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Arraam Nahaaraayimii fi Arraam Zoobaa lolee fi yeroo Yooʼaabin deebisee warra Edoomii keessaa namoota kuma kudha lama Sulula soogiddaa keessatti fixetti faarfatame. Yaa Waaqi, ati nu gatteerta; nu caccabsiteertas; nutti aarteerta; amma garuu iddootti nu deebisi!
PSA 60:2 Ati lafa sochoofteerta; tarsaaftees afaan bansiifteerta; caccabaa ishees walitti suphi; isheen raafamteertii.
PSA 60:3 Ati akka sabni kee waan hamaadhaan dhiphatu gooteerta; daadhii wayinii nu gatantarsus nuu kenniteerta.
PSA 60:4 Akka isaan iddaa jalaa gara isaatti baqataniif, ati warra si sodaataniif mallattoo kenniteerta.
PSA 60:5 Akka warri ati jaallattu furamaniif, harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris.
PSA 60:6 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera; “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; Sulula Sukootis nan safara.
PSA 60:7 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti. Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
PSA 60:8 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
PSA 60:9 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? Eenyutu Edoomitti na geessa?
PSA 60:10 Yaa Waaqi, kan nu gatte suma mitii? Yaa Waaqi, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
PSA 60:11 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar; gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
PSA 60:12 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; innis diinota keenya gad dhidhiita.
PSA 61:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame. Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi; kadhannaa koos dhaggeeffadhu.
PSA 61:2 Yeroo garaan koo citetti, ani handaara lafaatii sin waammadha; ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.
PSA 61:3 Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.
PSA 61:4 Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.
PSA 61:5 Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii; dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.
PSA 61:6 Bara jireenya mootii, umurii isaa illee dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.
PSA 61:7 Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu; akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.
PSA 61:8 Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha; guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.
PSA 62:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti; fayyinni koos isa biraa naa dhufa.
PSA 62:2 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.
PSA 62:3 Isin hamma yoomiitti nama miitu? Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti, akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?
PSA 62:4 Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa, guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu; isaan sobatti ni gammadu. Afaan isaaniitiin ni eebbisu; garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.
PSA 62:5 Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti; abdiin koo isa biraa dhufaatii.
PSA 62:6 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.
PSA 62:7 Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira; kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.
PSA 62:8 Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa; garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa; Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
PSA 62:9 Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti; gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma; yoo madaaliidhaan madaalaman lachanuu qilleensa caalaa salphatu.
PSA 62:10 Waan saamichaan argattan hin amanatinaa; waan hatameenis hin koorinaa. Yoo qabeenyi keessan guddate illee, qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.
PSA 62:11 Waaqni yeroo tokko dubbate; ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe; kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.
PSA 62:12 Yaa Gooftaa araarri kan kee ti. Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.
PSA 63:1 Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba.
PSA 63:2 Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.
PSA 63:3 Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti.
PSA 63:4 Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.
PSA 63:5 Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.
PSA 63:6 Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.
PSA 63:7 Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.
PSA 63:8 Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba.
PSA 63:9 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.
PSA 63:10 Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu.
PSA 63:11 Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.
PSA 64:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi; lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.
PSA 64:2 Marii jalʼootaa duraa, mala namoota hamoo duraas na dhoksi.
PSA 64:3 Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan; dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.
PSA 64:4 Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu; akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.
PSA 64:5 Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu; waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu; “Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu.
PSA 64:6 Isaanis jalʼina yaaduudhaan, “Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu; yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.
PSA 64:7 Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa; isaanis akkuma tasaa madaaʼu.
PSA 64:8 Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa; warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.
PSA 64:9 Namoonni hundinuu ni sodaatu; isaan hojii Waaqaa ni labsu; waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.
PSA 64:10 Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada; isattis kooluu gala; gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.
PSA 65:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata; wareegni keenyas siif galfama.
PSA 65:2 Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu, namni hundinuu gara kee ni dhufa.
PSA 65:3 Yeroo cubbuun na moʼattetti, ati yakka keenya nuu dhiifteerta.
PSA 65:4 Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha! Nus waan gaarii mana keetiitiin, kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.
PSA 65:5 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita; daarii lafaa hundumaaf, galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;
PSA 65:6 ati humna uffatteerta; jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;
PSA 65:7 ati huursaa galaanaa, huursaa dhaʼaa bishaanii, raafama uummataas ni calʼisiifte.
PSA 65:8 Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu; ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti, akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.
PSA 65:9 Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta; akka malees ni gabbifta; akka namootaaf midhaan kennaniifis lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru; ati kanumaaf qopheessiteertaatii.
PSA 65:10 Boʼoo isaa bishaan quubsita; biyyoo isaas wal qixxeessita; tiifuu bokkaatiinis ni jiifta; biqila isaas ni eebbifta.
PSA 65:11 Gaarummaa keetiin bara ni gonfita; daandiiwwan kees cooma coccobsu.
PSA 65:12 Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa; gaarranis gammachuudhaan guutamu.
PSA 65:13 Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu; sululoonni midhaaniin haguugamu; isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.
PSA 66:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa. Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa!
PSA 66:2 Ulfina maqaa isaa faarfadhaa; galata isaatiifis ulfina kennaa!
PSA 66:3 Waaqaan akkana jedhaa; “Hojiin kee akkam sodaachisaa dha! Sababii humni kee guddaa taʼeef, diinonni kee fuula kee duratti hollatu.
PSA 66:4 Lafti hundinuu siif sagadu; faarfannaa galataa siif faarfatu; maqaa keetiifis faarfatu.”
PSA 66:5 Kottaatii waan Waaqni hojjete, hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa!
PSA 66:6 Inni galaana lafa gogaatti geeddare; isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan; kottaa isatti haa gammannu!
PSA 66:7 Inni bara baraan humna isaatiin bulcha; iji isaas saboota ilaala; finciltoonni ol ol of hin qabin.
PSA 66:8 Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa; sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu;
PSA 66:9 inni lubbuu keenya jiraachiseera; miilla keenyas mucucaachuu oolcheera.
PSA 66:10 Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.
PSA 66:11 Ati kiyyootti nu galchiteerta; dugda keenya irras baʼaa keesseerta.
PSA 66:12 Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta; nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre; ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde.
PSA 66:13 Anis qalma gubamu qabadhee mana qulqullummaa kee nan seena; wareega koos siif nan galcha;
PSA 66:14 kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha.
PSA 66:15 Anis horii coccoomoo, qalma gubamu, korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa; jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa.
PSA 66:16 Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa; anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima.
PSA 66:17 Ani afaan kootiin isatti nan iyye; galanni isaas arraba koo irra ture.
PSA 66:18 Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee, silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture;
PSA 66:19 Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera; sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera.
PSA 66:20 Waaqni kadhannaa koo hin didin yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!
PSA 67:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu;
PSA 67:2 kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
PSA 67:3 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
PSA 67:4 Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.
PSA 67:5 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan.
PSA 67:6 Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.
PSA 67:7 Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.
PSA 68:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Waaqni haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan; warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan.
PSA 68:2 Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi; akkuma gagaan ibidda duratti baqu, hamoonni fuula Waaqaa duraa haa badan.
PSA 68:3 Qajeelonni garuu haa gammadan; fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan; isaan gammachuudhaan haa ililchan.
PSA 68:4 Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa; isa duumessaan gulufu sana jajadhaa; maqaan isaa Waaqayyoo dha; fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
PSA 68:5 Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa, niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
PSA 68:6 Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.
PSA 68:7 Yaa Waaqayyo, gaafa ati saba kee dura baate, gaafa ati gammoojjii keessa dabarte,
PSA 68:8 fuula Waaqaa, Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqaa, Waaqa Israaʼel duratti, lafti ni raafamte; samiiwwanis bokkaa roobsan.
PSA 68:9 Yaa Waaqayyo, ati bokkaa baayʼee roobsite; dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite.
PSA 68:10 Sabni kee achi qubate; yaa Waaqayyo, ati badhaadhummaa kee keessaa hiyyeeyyii soorte.
PSA 68:11 Gooftaan dubbii isaa kenne; dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:
PSA 68:12 “Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan; dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan.
PSA 68:13 Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee, isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifamee baalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti.”
PSA 68:14 Yommuu Waaqni Waan Hunda Dandaʼu mootota achitti bittinneessetti, Zalmoon irratti cabbiin buʼe.
PSA 68:15 Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa, yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu,
PSA 68:16 yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu, ati maaliif tulluu Waaqni bulchuuf filate, iddoo Waaqayyo bara baraan jiraatu sana hinaaffaadhaan ilaalta?
PSA 68:17 Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha; isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti; Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.
PSA 68:18 Ati yommuu ol gubbaa baatetti boojuu baayʼee fudhate; yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati achi jiraachuuf jettee, namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte.
PSA 68:19 Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu, Waaqni Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.
PSA 68:20 Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis Waaqayyo Goofticha biraa dhufa.
PSA 68:21 Waaqni dhugumaan mataa diina isaa, gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii kan rifeensa qabu ni caccabsa.
PSA 68:22 Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida; tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida;
PSA 68:23 kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf; arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf.”
PSA 68:24 Yaa Waaqayyo, hiriirri kee mulʼateera; hiriirri Waaqa kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera.
PSA 68:25 Fuula duraan faarfattoota, dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture; dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan.
PSA 68:26 Waldaa guddaa keessatti Waaqa jajadhaa; yaaʼii Israaʼel keessattis Waaqayyoon jajadhaa.
PSA 68:27 Beniyaam gosti xinnichi isaan dura deema; tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan; ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan.
PSA 68:28 Yaa Waaqayyo, humna kee ajaji; yaa Waaqa keenya, akkuma duraan goote sana jabina kee nu argisiisi.
PSA 68:29 Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif mootonni kennaa siif fidu.
PSA 68:30 Bineensota shambaqqoo keessaa, karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu. Warra meetii fidan gad deebisi. Warra waraanatti gammadanis bittinneessi.
PSA 68:31 Ergamoonni Gibxi ni dhufu; Itoophiyaanis daftee harka ishee Waaqatti balʼifatti.
PSA 68:32 Yaa mootummoota lafaa, Waaqa faarfadhaa; faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa;
PSA 68:33 isa samiiwwan durii keessa gulufu, isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa.
PSA 68:34 Waaqa ulfinni isaa Israaʼel irra jiru, isa miidhaginni isaa samiiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa.
PSA 68:35 Yaa Waaqayyo, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha; Waaqni Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna. Waaqni haa eebbifamu!
PSA 69:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraatiin.” Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, ati na baasi; bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii.
PSA 69:2 Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan hin jirre keessa seeneera. Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera; lolaanis narra garagaleera.
PSA 69:3 Ani iyyuudhaan dadhabeera; laagaan koo babbaqaqeera; iji koo, Waaqa koo eeggachuudhaan dadhabeera.
PSA 69:4 Warri lafumaa kaʼanii na jibban rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu; warri na ajjeesuu barbaadan, warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha. Ani akkan waan hin hatin deebisu dirqameera.
PSA 69:5 Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta; yakki koos si duraa hin dhokatu.
PSA 69:6 Yaa Gooftaa, Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, warri abdii sirra kaaʼatan, sababii kootiif hin qaanaʼin; yaa Waaqa Israaʼel, warri si barbaadan, sababii kootiif hin qaaneffamin.
PSA 69:7 Ani siif jedhee tuffii obseeraatii; qaaniinis fuula koo haguugeera.
PSA 69:8 Ani obboloota kootti keessummaa, ilmaan haadha kootiittis alagaa dha;
PSA 69:9 Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii; arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.
PSA 69:10 Booʼuu fi soomuun koo, arrabsoo natti taʼe.
PSA 69:11 Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti, namoonni natti qoosu.
PSA 69:12 Warri karra dura tataaʼan natti qoosu; machooftonnis waaʼee kootiin sirbu.
PSA 69:13 Ani garuu yaa Waaqayyo, yeroo ati filattutti sin kadhadha; yaa Waaqi, jaalala kee guddichaan fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni.
PSA 69:14 Akka ani hin liqimfamneef, raaree keessaa na baasi; warra na jibban jalaa, bishaanota gad fagoo keessaas na baasi.
PSA 69:15 Ati akka lolaan na hin fudhanne, akka tuujubni na hin liqimsine, akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi.
PSA 69:16 Yaa Waaqayyo, gaarummaa jaalala keetiitiin deebii naaf kenni; araara kee guddichaanis natti garagali.
PSA 69:17 Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin; waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni.
PSA 69:18 Natti dhiʼaadhuutii na furi; xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi.
PSA 69:19 Ati akka ani hammam tuffatamee, salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta; diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru.
PSA 69:20 Arrabsoon garaa koo cabse; anis abdii kutadheera. Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe; nama na jajjabeessus nan barbaade; garuu tokko illee hin arganne.
PSA 69:21 Nyaata kootti hadhooftuu makan; akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan.
PSA 69:22 Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu; adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu.
PSA 69:23 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.
PSA 69:24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi; aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu.
PSA 69:25 Qeʼeen isaanii haa onu; namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin.
PSA 69:26 Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii; waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu.
PSA 69:27 Yakka irratti yakka isaanitti dabali; isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin.
PSA 69:28 Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu; qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin.
PSA 69:29 Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira; yaa Waaqi, fayyinni kee ol na haa qabu.
PSA 69:30 Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha; galataanis ulfina nan kennaaf.
PSA 69:31 Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi kottee qabu dhiʼeessuu caalaa Waaqayyoon gammachiisa.
PSA 69:32 Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu; isin warri Waaqa barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu!
PSA 69:33 Waaqayyo rakkattoota ni dhagaʼa; namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu.
PSA 69:34 Samii fi lafti, galaanonnii fi wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan.
PSA 69:35 Waaqni Xiyoonin ni fayyisaatii; magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara. Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas.
PSA 69:36 Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu; warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu.
PSA 70:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti. Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu; yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.
PSA 70:2 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri badii koo hawwan hundi qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
PSA 70:3 Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
PSA 70:4 Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan; warri fayyisuu kee jaallatan, yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan.
PSA 70:5 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; yaa Waaqi, dafii na qaqqabi. Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqayyo hin turin.
PSA 71:1 Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin.
PSA 71:2 Qajeelummaa keetiin na baasi; na oolchis; gurra kee gara kootti qabi; na fayyisis.
PSA 71:3 Ati kattaa ani kooluu itti galu, iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi; ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, na baraaruuf ajaja kenni.
PSA 71:4 Yaa Waaqa ko, harka nama hamaa, qabaa nama jalʼaatii fi gara jabeessaa keessaa na baasi.
PSA 71:5 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati abdii kootii; ijoollummaa kootii kaaftees ati Waaqa ani amanadhuu dha.
PSA 71:6 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera; gadameessa haadha koo keessaas situ na baase. Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
PSA 71:7 Ani namoota baayʼeedhaaf mallattoo taʼeera; ati garuu daʼoo koo isa jabaa dha.
PSA 71:8 Afaan koo guyyaa guutuu, galataa fi ulfina keetiin guutama.
PSA 71:9 Yeroo ani dulloomutti ati na hin gatin; yeroo humni koo dhumuttis na hin dhiisin.
PSA 71:10 Diinonni koo natti mariʼatuutii; warri na ajjeesuuf riphanii eeggatanis walii wajjin natti mariʼatu.
PSA 71:11 Isaanis, “Waaqni isa dhiiseera; namni isa oolchu tokko iyyuu hin jiruutii faana buʼaatii qabaa” jedhu.
PSA 71:12 Yaa Waaqi, narraa hin fagaatin; yaa Waaqa ko, na gargaaruuf dafii kottu.
PSA 71:13 Warri na himatan qaanaʼanii haa badan; warri na miidhuu barbaadanis tuffii fi salphina haa uffatan.
PSA 71:14 Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba; ittuma caalchisees sin galateeffadha.
PSA 71:15 Ani yoo hammam akka inni gaʼu beekuu baadhe illee, afaan koo waaʼee qajeelummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii guyyaa guutuu ni odeessa.
PSA 71:16 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani dhufee hojii kee humna qabeessa sana nan odeessa; ani qajeelummaa kee qofa labsa.
PSA 71:17 Yaa Waaqi, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta; anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa.
PSA 71:18 Yaa Waaqayyo, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee, hamma ani humna kee dhaloota kanatti, jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti, ati na hin dhiisin.
PSA 71:19 Yaa Waaqi, qajeelummaan kee samiiwwan bira gaʼa; ati waan gurguddaa hojjetteerta; yaa Waaqi, kan akka keetii eenyu?
PSA 71:20 Ati rakkinaa fi dhiphina baayʼee na argisiifteerta; taʼus jireenya koo deebiftee ni haaromsita, qilee lafaa keessaas deebiftee ol na baafta.
PSA 71:21 Ulfina koo ni guddifta; amma illee na jajjabeessita.
PSA 71:22 Yaa Waaqa ko, ani amanamummaa keetiif, kiraaraan sin faarfadha; Yaa Qulqullicha Israaʼel ani kiraaraan faarfannaa galataa siif faarfadha.
PSA 71:23 Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo, lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.
PSA 71:24 Warri na miidhuu barbaadan, waan qaanaʼanii burjaajaʼaniif arrabni koo guyyaa guutuu qajeelummaa kee odeessa.
PSA 72:1 Faarfannaa Solomoon. Yaa Waaqi, murtii kee mootiidhaaf, qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni.
PSA 72:2 Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa; hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna.
PSA 72:3 Tulluuwwan badhaadhummaa, gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan.
PSA 72:4 Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa.
PSA 72:5 Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti, dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu.
PSA 72:6 Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu, akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa.
PSA 72:7 Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara; nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata.
PSA 72:8 Innis galaanaa hamma galaanaatti, Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha.
PSA 72:9 Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu; diinonni isaas biyyoo arraabu.
PSA 72:10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu; mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf.
PSA 72:11 Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu; saboonni hundinuus isa ni tajaajilu.
PSA 72:12 Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii.
PSA 72:13 Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; nama rakkataas duʼa jalaa baasa.
PSA 72:14 Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura; dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii.
PSA 72:15 Umuriin isaa haa dheeratu; warqeen Shebaa isaaf haa kennamu. Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan; guyyaa guutuus isa haa eebbisan.
PSA 72:16 Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu; fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu. Iji isaa akka Libaanoon haa tolu; akka marga lafaas haa misu.
PSA 72:17 Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu; Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu. Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu; jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu.
PSA 72:18 Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu, Waaqayyo Waaqni, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
PSA 72:19 Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu; lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu.
PSA 72:20 Kadhannaan Daawit ilma Isseey as irratti xumurame.
PSA 73:1 Faarfannaa Asaaf. Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.
PSA 73:2 Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee, faanni koos mucucaachuu gaʼee ture.
PSA 73:3 Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, of tuultotatti hinaafeen tureetii.
PSA 73:4 Isaan hin dhiphatan; dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas.
PSA 73:5 Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu; isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman.
PSA 73:6 Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti; fincilas akka wayyaatti uffatu.
PSA 73:7 Iji isaanii coomee alatti dhiibama; hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu.
PSA 73:8 Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu; of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu.
PSA 73:9 Afaan isaanii samii falmata; arrabni isaaniis lafa dhaala.
PSA 73:10 Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee bishaan baayʼee dhuga.
PSA 73:11 Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa? Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu.
PSA 73:12 Egaa namoonni hamoon akkana; isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu; badhaadhummaanis guddachaa deemu.
PSA 73:13 Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa!
PSA 73:14 Ani guyyaa guutuu dhaʼameera; ganama ganamas adabameera.
PSA 73:15 Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee silaa ijoollee kee nan yakkan ture.
PSA 73:16 Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti, wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe.
PSA 73:17 Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture; ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe.
PSA 73:18 Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde; akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte.
PSA 73:19 Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii akkuma tasaa barbadaaʼan!
PSA 73:20 Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana, atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu, hawwii garaa isaanii ni busheessita.
PSA 73:21 Yommuu lubbuun koo gadditee onneen koos waraanamtetti,
PSA 73:22 ani gowwaa fi wallaalaan ture; fuula kee durattis akka horii nan taʼe.
PSA 73:23 Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; atis harka koo mirgaa ni qabda.
PSA 73:24 Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita.
PSA 73:25 Ani samii keessaa eenyunan qaba? Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
PSA 73:26 Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.
PSA 73:27 Warri sirraa fagoo jiran ni badu; atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita.
PSA 73:28 Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha; Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera; ani hojii kee hunda nan labsa.
PSA 74:1 Maskiilii Asaaf. Yaa Waaqi, ati maaliif bara baraan nu gatte? Aariin kee maaliif hoolota ati bobbaafte irratti akka malee bobaʼa?
PSA 74:2 Saba ati dur filatte, gosa dhaala keetii, warra ati furte, Tulluu Xiyoon iddoo ati jiraattes yaadadhu.
PSA 74:3 Tarkaanfii kee gara waan bara baraan diigameetti qajeelfadhu; diinni waan mana qulqullummaa keessa jiru hunda barbadeesseera.
PSA 74:4 Diinonni kee iddoo qulqulluu kee keessatti bookkisan; mallattoo isaaniis mallattoo godhanii dhaabbatan.
PSA 74:5 Isaan nama bosona keessatti muka muruuf qottoo ol fudhatu fakkaatu.
PSA 74:6 Isaanis waan soofame hunda, qottoo fi burrusaan caccabsan.
PSA 74:7 Isaan mana qulqullummaa kee guban; lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan.
PSA 74:8 Garaa isaanii keessatti, “Nu guutumaan guutuutti isaan barbadeessina!” jedhan. Iddoo Waaqni biyyattii keessatti itti waaqeffamaa ture hundumas ni guban.
PSA 74:9 Mallattoon dinqii nuu hin kennamne; siʼachi raajiin tokko illee hin jiru; wanni kun hamma yoomiitti akka turu nu keessaa namni beeku hin jiru.
PSA 74:10 Yaa Waaqi, hamma yoomiitti diinni sitti qoosa? Amajaajiinis bara baraan maqaa kee xureessaa?
PSA 74:11 Ati maaliif harka kee, harka kee mirgaa dachaafatta? Harka kee bobaa jalaa baafadhuutii isaan barbadeessi!
PSA 74:12 Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti; lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta.
PSA 74:13 Situ humna keetiin galaana gargar qoode; ati bishaan keessattis mataa bineensa jawwee fakkaatuu caccabsite.
PSA 74:14 Situ mataa Lewaataan caccabsee nyaata godhee uumamawwan gammoojjii jiraataniif kenne.
PSA 74:15 Situ burqaawwanii fi bishaan yaaʼuuf karaa bane; ati laga yeroo hunda yaaʼu illee gogsiteerta.
PSA 74:16 Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma; ati aduu fi jiʼa uumteerta.
PSA 74:17 Situ daarii lafaa hunda dhaabe; ati bonaa fi ganna uumteerta.
PSA 74:18 Yaa Waaqayyo, akkamitti akka diinni sitti qoosu, akkamitti akka namoonni gowwoonnis maqaa kee xureessan yaadadhu.
PSA 74:19 Lubbuu gugee keetii dabarsitee bineensa bosonaatti hin kennin; jireenya saba kee hiyyoomee bara baraan hin irraanfatin.
PSA 74:20 Kakuu kee eegi; iddoon lafaa dukkanaaʼaan hundinuu gooliidhaan guutameeraatii.
PSA 74:21 Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin; hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan.
PSA 74:22 Yaa Waaqi kaʼi; dubbii kees falmadhu; akka gowwoonni guyyaa guutuu sitti qoosan yaadadhu.
PSA 74:23 Dhaadachuu diinota keetii, bookkisuu diina keetii kan gargar hin cinne sana hin dagatin.
PSA 75:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Yeedaloo, “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi, nu si galateeffanna; sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina; namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.
PSA 75:2 Ati akkana jetta; “Ani yeroo murteeffame nan filadha; kan qajeelummaadhaan muru ana.
PSA 75:3 Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti, kan utubaa ishee jabeessee qabu ana.
PSA 75:4 Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’ Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa.
PSA 75:5 Gaanfa keessan samiitti hin kaasinaa; morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’ ”
PSA 75:6 Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii yookaan lafa onaatii hin dhufuutii.
PSA 75:7 Garuu kan murtii kennu Waaqa; inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa.
PSA 75:8 Harka Waaqayyoo keessa, xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makame kan hoomachaan guutame tokkotu jira; inni wayinii sana gad naqa; hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisin xuruurfatanii dhugu.
PSA 75:9 Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa; Waaqa Yaaqoobis nan faarfadha.
PSA 75:10 Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa; gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha.
PSA 76:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf. Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha; maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.
PSA 76:2 Dunkaanni isaa Saalem keessa, iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.
PSA 76:3 Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabse.
PSA 76:4 Ati ifa uffattee miidhagdeerta; ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.
PSA 76:5 Gootonni boojiʼamaniiru; hirribaanis fudhatamaniiru; duultota keessaas namni tokko iyyuu harka sochoofachuu hin dandeenye.
PSA 76:6 Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.
PSA 76:7 Siʼi qofatu sodaatamuu qaba. Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?
PSA 76:8 Ati samii irraa murtii kennite; laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;
PSA 76:9 yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf, rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.
PSA 76:10 Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida; warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.
PSA 76:11 Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; warri naannoo isaa jiraatan hundinuus Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.
PSA 76:12 Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa; mootonni lafaas isa sodaatu.
PSA 77:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Asaaf. Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe; ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe.
PSA 77:2 Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe; halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe; lubbuun koos jajjabaachuu didde.
PSA 77:3 Yaa Waaqi, ani yommuun si yaadadhu nan aada; ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe.
PSA 77:4 Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote; ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe.
PSA 77:5 Ani waaʼee bara durii, waaʼee waggoota durii duriis nan yaade;
PSA 77:6 ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe. Ani irra deddeebiʼee na yaade; hafuurri koos akkana jedhee qorate:
PSA 77:7 “Gooftaan bara baraan nama gataa? Inni deebiʼee garaa hin laafuu?
PSA 77:8 Araarri isaa bara baraan badee? Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee?
PSA 77:9 Waaqni arjoomuu irraanfateeraa? Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?”
PSA 77:10 Anis, “Harki mirgaa kan Waaqa Waan Hundaa Olii jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti” nan jedhe.
PSA 77:11 Ani hojii Waaqayyoo nan yaadadha; dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.
PSA 77:12 Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada; waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
PSA 77:13 Yaa Waaqi, karaan kee qulqulluu dha. Waaqni guddaan akka Waaqa keenyaa eessa jira?
PSA 77:14 Ati Waaqa hojii dinqii hojjettuu dha; saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.
PSA 77:15 Irree kee cimaadhaan saba kee, sanyii Yaaqoobii fi sanyii Yoosef furteerta.
PSA 77:16 Yaa Waaqi, bishaanonni si argan; bishaanonni si arganii sodaatan; tuujubawwan ni hollatan.
PSA 77:17 Duumessi bishaan gad dhangalaase; samiiwwan ni qaqawweessaʼan; xiyyi kees qixa hundaan balaqqise.
PSA 77:18 Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame; balaqqeesi kee addunyaa ibse; laftis hollattee sochoote.
PSA 77:19 Daandiin kee galaana keessa, karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa; garuu faanni kee hin argamne.
PSA 77:20 Ati harka Museetii fi harka Arooniin, saba kee akka bushaayeetti geggeessite.
PSA 78:1 Maskiilii Asaaf. Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa; dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.
PSA 78:2 Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.
PSA 78:3 Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu, waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
PSA 78:4 Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu; hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana, humna isaatii fi dinqii inni hojjete, dhaloota itti aanutti ni himna.
PSA 78:5 Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe; Israaʼeliif immoo seera kenne; waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif, abbootii keenya ajaje;
PSA 78:6 kunis akka dhaloonni itti aanu beeku, akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan, isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.
PSA 78:7 Yoos isaan Waaqa amanatu; ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.
PSA 78:8 Isaan akka abbootii isaanii, akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa, warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee, akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan.
PSA 78:9 Namoonni Efreem xiyya qabatanii turan; taʼus gaafa lolaa duubatti deebiʼan.
PSA 78:10 Isaan kakuu Waaqaa hin eegne; seera isaattis buluu didan.
PSA 78:11 Isaan hojii inni hojjete, dinqii inni isaanitti argisiises ni irraanfatan.
PSA 78:12 Inni fuula abbootii isaanii duratti, biyya Gibxi kutaa Zooʼaanitti waan nama dinqisiisu hojjete.
PSA 78:13 Inni galaana gargar qoodee gidduun isaan dabarse; bishaan sanas akkuma keenyan manaa dhaabachiise.
PSA 78:14 Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo ifa ibiddaatiin isaan geggeesse.
PSA 78:15 Inni gammoojjii keessatti kattaa dayyaasee bishaan akka galaanaa baayʼatu isaanii kenne.
PSA 78:16 Kattaa keessaa burqaa burqisiisee akka bishaan akkuma lagaatti yaaʼu godhe.
PSA 78:17 Isaan garuu gammoojjii keessatti Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ittuma fufaniis isatti cubbuu hojjetan.
PSA 78:18 Isaan nyaata dharraʼanii, “Fidi” jechuudhaan beekumsa Waaqaa qoran.
PSA 78:19 Akkana jedhanii Waaqa hamatan; “Waaqni gammoojjii keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa?
PSA 78:20 Inni kattaa rukunnaan bishaan humnaan keessaa burqe; burqaan guutee irraan dhangalaʼe. Garuu inni nyaata nuu kennuu dandaʼaa? Saba isaatiifis foon kennuu dandaʼaa?”
PSA 78:21 Waaqayyo yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee aare; Yaaqoob irratti ibiddi isaa ni qabsiifame; dheekkamsi isaas Israaʼelitti dhufe;
PSA 78:22 isaan Waaqa hin amananneetii; fayyisuu isaattis hin amanne.
PSA 78:23 Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne; balbala samiis ni bane;
PSA 78:24 akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef; midhaan samiis isaaniif kenne.
PSA 78:25 Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan; inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.
PSA 78:26 Inni akka bubbeen baʼa biiftuu samii keessaa bubbisu godhe; bubbee kibbaas humna ofii isaatiin oofe.
PSA 78:27 Foon akkuma awwaaraatti, simbirroota barrisanis akkuma cirracha galaanaatti gad isaaniif roobse.
PSA 78:28 Innis akka isaan qubata isaanii keessatti naannoo dunkaanota isaaniitti gad harcaʼan godhe.
PSA 78:29 Isaanis nyaatanii quufan; inni waan isaan dharraʼan isaaniif kenneeraatii.
PSA 78:30 Garuu utuu isaan nyaata dharraʼan sana hin quufin, utuma nyaanni sun afaan isaanii keessa jiruu,
PSA 78:31 dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufe; innis isaan keessaa warra jajjabeeyyii galaafate; dargaggeeyyii Israaʼelis ni fixe.
PSA 78:32 Isaan waan kana hunda irra darbanii cubbuu hojjechuutti fufan; dinqii isaattis hin amanne.
PSA 78:33 Kanaafuu inni akka barri isaanii faayidaa malee darbu, akka waggoonni isaaniis sodaadhaan dhuman godhe.
PSA 78:34 Yeroo Waaqni isaan ajjeese kamitti iyyuu, isaan isa barbaaddatan; isaan ammas fedhiidhaan gara isaatti deebiʼan.
PSA 78:35 Akka Waaqni Kattaa isaanii taʼe, akka Waaqni Waan Hundaa Olii Furii isaanii taʼe yaadatan.
PSA 78:36 Isaan garuu afaan isaaniitiin isa saadan; arraba isaaniitiinis isa soban;
PSA 78:37 garaan isaanii isaaf amanamaa hin turre; isaan kakuu isaatiif hin amanamne.
PSA 78:38 Inni garuu araara qabeessa waan taʼeef, cubbuu isaanii ni dhiiseef malee isaan hin fixne. Inni yeroo yerootti aarii isaa ittifate; dheekkamsa isaa hundaas hin kakaafne.
PSA 78:39 Innis akka isaan nama duʼa hin oolle, qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate.
PSA 78:40 Isaan hammam gammoojjii keessatti isatti fincilanii gammoojjii keessattis isa gaddisiisan
PSA 78:41 Isaan ammumaa amma Waaqa qoran; Qulqullicha Israaʼel sanas ni aarsan.
PSA 78:42 Isaan humna isaa yookaan guyyaa inni itti diinota isaanii jalaa isaan baase hin yaadanne.
PSA 78:43 Guyyaa inni itti biyya Gibxi keessatti mallattoo isaa, kutaa Zooʼaan keessatti immoo dinqii isaa argisiise isaan hin yaadanne.
PSA 78:44 Inni lageen isaanii dhiigatti geeddare; isaanis burqaawwan isaanii dhuguu hin dandeenye.
PSA 78:45 Innis tuuta tisiisaa kan isaan balleessu, fattee isaan barbadeessu itti erge.
PSA 78:46 Midhaan isaanii ilmaan hawwaannisaatiif, buʼaa dadhabbii isaanii immoo hawwaannisaaf kenne.
PSA 78:47 Muka wayinii isaanii cabbiidhaan, harbuu isaanii immoo dhaamocha hamaan dhaʼe.
PSA 78:48 Loon isaanii cabbiif, horii isaanii immoo bakakkaaf dabarsee kenne.
PSA 78:49 Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa, dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise.
PSA 78:50 Inni aarii isaatiif daandii qopheesse; lubbuu isaanii dabarsee dhaʼichatti kenne malee duʼa isaan hin oolchine.
PSA 78:51 Hangafoota Gibxi hunda, ilmaan jalqabatti dhalatanis dunkaana Haam keessatti dhaʼe.
PSA 78:52 Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase; akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse.
PSA 78:53 Inni nagaadhaan isaan geggeesse; kanaafuu isaan homaa hin sodaanne; diinota isaanii garuu galaanatu liqimse.
PSA 78:54 Innis gara daarii biyya isaa qulqulluutti, gara biyya gaaraa kan harki isaa mirgaa fudhateetti isaan galche.
PSA 78:55 Inni ormoota isaan duraa ariʼe; lafa jaraas dhaala godhee isaanii qoode; gosa Israaʼelis dunkaana isaanii keessa qubachiise.
PSA 78:56 Isaan garuu Waaqa qoran; Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ajaja isaas hin eegne.
PSA 78:57 Akkuma abbootii isaanii duubatti deebiʼan; amanamuus ni didan; akka iddaa micciiramaattis jajalʼatan.
PSA 78:58 Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan; waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan.
PSA 78:59 Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame; guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate.
PSA 78:60 Innis iddoo jireenya isaa kan Shiiloo keessaa, dunkaana inni namoota gidduu dhaabbate sanas ni dhiise.
PSA 78:61 Humna isaa boojuutti, ulfina isaa immoo harka diinaatti dabarsee kenne.
PSA 78:62 Saba isaa dabarsee goraadeef kenne; handhuuraa isaattis akka malee dheekkame.
PSA 78:63 Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe; durboota isaaniitiifis sirbi heerumaa hin sirbamne;
PSA 78:64 luboonni isaanii goraadeedhaan dhuman; niitonni dhirsoonni irraa duʼan immoo booʼuu hin dandeenye.
PSA 78:65 Gooftaanis akkuma waan hirribaa dammaquutti, akkuma goota sababii wayiniitiin iyyuuttis dammaqe.
PSA 78:66 Inni diinota isaa rukutee duubatti deebise; qaanii bara baraa keessas isaan buuse.
PSA 78:67 Dunkaanota Yoosef ni tuffate; gosa Efreemis hin filanne;
PSA 78:68 inni garuu gosa Yihuudaa, Tulluu Xiyoon kan jaallatu sana ni filate.
PSA 78:69 Mana qulqullummaa isaa akka samii ol dheeraatti, akka lafa bara baraan hundeesseettis ijaare.
PSA 78:70 Inni Daawit garbicha isaa ni filate; dallaa hoolotaa keessaas isa waammate;
PSA 78:71 akka inni saba isaa Yaaqoobin, handhuuraa isaa Israaʼelin tiksuuf jedhee hoolota tiksuu irraa isa fide.
PSA 78:72 Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse; ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe.
PSA 79:1 Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru; mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru; Yerusaaleminis barbadeessaniiru.
PSA 79:2 Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif, reeffa garboota keetii allaattii samiitiif, foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru.
PSA 79:3 Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemitti akkuma bishaanii dhangalaasan; namni isaan awwaalu tokko illee hin argamne.
PSA 79:4 Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera; warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane.
PSA 79:5 Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti aartaa? Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
PSA 79:6 Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti, mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti gad dhangalaasi;
PSA 79:7 isaan Yaaqoobin liqimsaniiruutii; iddoo jireenya isaas balleessaniiru.
PSA 79:8 Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin; waan nu baayʼee gad deebifamneef, araarri kee dafee nu bira haa gaʼu.
PSA 79:9 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari; maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi; cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
PSA 79:10 Ormoonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu ree? Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf, akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi.
PSA 79:11 Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu; jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi.
PSA 79:12 Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan, dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi.
PSA 79:13 Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii, bara baraan si jajanna; dhalootaa hamma dhalootaattis, galata kee ni odeessina.
PSA 80:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, “Daraaraa Kakuutiin” Faarfatame. Faarfannaa Asaaf. Yaa tiksee saba Israaʼel, kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi; ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.
PSA 80:2 Fuula Efreem, Beniyaamii fi Minaasee duratti humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.
PSA 80:3 Yaa Waaqi, iddoo keenyatti nu deebisi; akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
PSA 80:4 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, ati hamma yoomiitti kadhannaa saba keetiitti aarta?
PSA 80:5 Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte; imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.
PSA 80:6 Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote; diinonni keenyas nutti qoosu.
PSA 80:7 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, iddoo keenyatti nu deebisi; akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
PSA 80:8 Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde; ormootas ariitee muka sana dhaabde.
PSA 80:9 Mukichaafis lafa qopheessite; mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.
PSA 80:10 Tulluuwwan gaaddisa isaatiin, birbirsawwan gurguddaanis dameewwan isaatiin haguugaman.
PSA 80:11 Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti, lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.
PSA 80:12 Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?
PSA 80:13 Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa; bineensi dirrees isa ni nyaata.
PSA 80:14 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, si kadhannaa gara keenyatti deebiʼi! Samii irraa gad ilaalii argi! Muka wayinii kana eegi;
PSA 80:15 mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha; biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.
PSA 80:16 Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera; sabni kees dheekkamsa keetiin bada.
PSA 80:17 Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra, ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.
PSA 80:18 Yoos nu sirraa hin garagallu; jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.
PSA 80:19 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu iddoo keenyatti nu deebisi; akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
PSA 81:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Asaaf Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Waaqa jabina nuu taʼeef gammachuudhaan faarfadhaa; Waaqa Yaaqoobiitiif gammachuudhaan ililchaa!
PSA 81:2 Faarfachuu jalqabaa; dibbees rukutaa; baganaa fi kiraara sagalee gaarii qabu rukutaa.
PSA 81:3 Yeroo Baatiin dhalattu, yommuu jiʼi goobanutti, guyyaa ayyaana keenyaa malakata afuufaa;
PSA 81:4 kun seera Israaʼeliif kenname, ajaja Waaqa Yaaqoob.
PSA 81:5 Inni yeroo biyya Gibxi dhaʼuuf baʼetti, waan kana Yoosefiif seera godhee dhaabe. Anis afaan duraan hin beekin tokko dhagaʼe.
PSA 81:6 Innis akkana jedhe; “Ani gatiittii isaanii irraa baʼaa buuseera; harki isaanis guuboo baachuu jalaa baʼe.
PSA 81:7 Ati dhiphina kee keessatti na waammatte; anis sin oolche; anis lafa bakakkaan itti dhokatu keessaa deebii siifin kenne; bishaan Mariibaa birattis sin qore.
PSA 81:8 “Yaa saba koo dhagaʼi; ani siin akeekkachiisa; yaa Israaʼel ati utuu na dhaggeeffate!
PSA 81:9 Waaqni ormaa tokko iyyuu isin gidduu hin jiraatin; ana malee waaqa biraa hin waaqeffatin.
PSA 81:10 Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan Gibxii baasee isin fidee dha. Afaan kee balʼisii banadhu; ani nan guutaa.
PSA 81:11 “Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne; Israaʼel anaaf hin bulle.
PSA 81:12 Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif dabarsee mata jabina isaaniitti isaan kenne.
PSA 81:13 “Utuu sabni koo na dhaggeeffatee, utuu Israaʼel karaa koo irra deemee jiraatee,
PSA 81:14 ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee harka koos amajaajota isaaniitti nan kaasa ture!
PSA 81:15 Warri Waaqayyoon jibban fuula isaa duratti ni gugguufu; adabbiin isaaniis bara baraan itti fufa.
PSA 81:16 Ani garuu qamadii qulqulluu isin soora; damma kattaa keessaa baafames isinan quubsa.”
PSA 82:1 Faarfannaa Asaaf. Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata; “waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:
PSA 82:2 “Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu? Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?
PSA 82:3 Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.
PSA 82:4 Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa.
PSA 82:5 “Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan. Isaan dukkana keessa jiraatu; hundeen lafaa hundinuu ni raafame.
PSA 82:6 “Anis, ‘Isin, “waaqota;” hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.
PSA 82:7 Taʼus isin akkuma namatti ni duutu; akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.”
PSA 82:8 Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri; sabni hundinuu kan keetiitii.
PSA 83:1 Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi gab hin jedhin; yaa Waaqi, hin calʼisin; akkasumattis hin dhiisin.
PSA 83:2 Diinonni kee akkam akka kakaʼan, warri si jibbanis akkam akka mataa ol qabatan ilaali.
PSA 83:3 Isaan saba keetti daba karoorfatu; warra ati eegdutti mariʼatu.
PSA 83:4 Isaanis, “Kottaa akka maqaan Israaʼel lammata hin yaadatamneef, akka isaan saba hin taaneef isaan barbadeessinaa” jedhu.
PSA 83:5 Isaan yaada tokkoon walii galu; sittis ni gurmaaʼu;
PSA 83:6 isaanis dunkaanota Edoom, Ishmaaʼeeloota, Moʼaabii fi gosa Aggaar,
PSA 83:7 Gebaal, Amoonii fi Amaaleq, Filisxeemii fi namoota biyya Xiiroos wajjin turan.
PSA 83:8 Warri Asooriis, ilmaan Looxiitiif irree jabaa taʼuudhaaf isaanitti makaman.
PSA 83:9 Ati akkuma Midiyaanin goote, akkuma laga Qiishooniitti Siisaaraa fi Yaabiinin goote sana isaan godhi;
PSA 83:10 isaan Eendooritti dhumanii akkuma kosii lafaa taʼan.
PSA 83:11 Gurguddoota isaanii akka Hereebiitii fi Zeʼeeb, ilmaan mootota isaanii immoo akka Zebaa fi Zalmunaa godhi;
PSA 83:12 isaan warra, “Kottaa, lafa tika Waaqaa fudhannee kan dhuunfaa keenyaa godhannaa” jedhanii dha.
PSA 83:13 Yaa Waaqa ko, akka awwaara bubbeen fudhatuu, akka habaqii qilleensi bittinneessuu isaan godhi.
PSA 83:14 Akkuma ibiddi bosona balleessu, yookaan akkuma arrabni ibiddaa tulluuwwan gubu,
PSA 83:15 atis akkasuma aarii keetiin isaan gugsi; bubbee keetiin isaan sodaachisi.
PSA 83:16 Yaa Waaqayyo, akka isaan maqaa kee barbaaddataniif, fuula isaanii qaaniin haguugi.
PSA 83:17 Isaan yeroo hunda qaanaʼanii haa dhiphatan; salphinaanis haa badan.
PSA 83:18 Isaan akka ati kan maqaan kee Waaqayyo taʼe sun qofti, lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii taate haa beekan.
PSA 84:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!
PSA 84:2 Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti; akka malees itti gaggabdi; onneen koo fi foon koo Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.
PSA 84:3 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, Mootii koo fi Waaqa ko, iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.
PSA 84:4 Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.
PSA 84:5 Warri sirraa jabina argatan, kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.
PSA 84:6 Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.
PSA 84:7 Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti, jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.
PSA 84:8 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kadhannaa koo dhagaʼi; yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu.
PSA 84:9 Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali; fuula dibamaa kee sanaas ilaali.
PSA 84:10 Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.
PSA 84:11 Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
PSA 84:12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, namni si amanatu eebbifamaa dha.
PSA 85:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta; boojuu Yaaqoobis deebifteerta.
PSA 85:2 Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf; cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.
PSA 85:3 Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta; aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
PSA 85:4 Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi; dheekkamsa kees nurraa qabi.
PSA 85:5 Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?
PSA 85:6 Akka sabni kee sitti gammaduuf, ati lubbuu nutti hin deebiftuu?
PSA 85:7 Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi; fayyina kees nuu kenni.
PSA 85:8 Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha; inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa; isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.
PSA 85:9 Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf, fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
PSA 85:10 Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan; qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
PSA 85:11 Amanamummaan lafa keessaa burqa; qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
PSA 85:12 Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna; lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.
PSA 85:13 Qajeelummaan fuula isaa dura deema; miilla isaatiifis karaa qopheessa.
PSA 86:1 Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, na dhagaʼiitii deebii naa kenni.
PSA 86:2 Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi. Ati Waaqa koo ti; garbicha kee kan si amanatu oolchi.
PSA 86:3 Yaa Gooftaa na maari; ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii.
PSA 86:4 Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii.
PSA 86:5 Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.
PSA 86:6 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi; iyya waammata koos dhaggeeffadhu.
PSA 86:7 Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; ati deebii naa kennitaatii.
PSA 86:8 Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru; hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru.
PSA 86:9 Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, fuula kee duratti ni sagadu; maqaa keetiifis ulfina fidu.
PSA 86:10 Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha; Waaqni suma qofa.
PSA 86:11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; anis dhugaa keetiin nan bula; akka ani maqaa kee sodaadhuuf, garaa gargar hin qoodamne naa kenni.
PSA 86:12 Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa.
PSA 86:13 Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii; lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta.
PSA 86:14 Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru; tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne lubbuu koo galaafachuu barbaadu.
PSA 86:15 Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.
PSA 86:16 Gara kootti deebiʼiitii na maari; jabina kee tajaajilaa keetii kenni; ilma garbittii keetiis oolchi.
PSA 86:17 Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif, mallattoo gaarummaa keetii naa kenni; yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.
PSA 87:1 Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
PSA 87:2 Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa, karrawwan Xiyoon jaallata.
PSA 87:3 Yaa magaalaa Waaqaa, waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
PSA 87:4 “Ani Raʼaabii fi Baabilonin warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa; kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin, ‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”
PSA 87:5 Dhugumaan waaʼee Xiyoon, “Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan; Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.
PSA 87:6 Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti, “Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.
PSA 87:7 Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan, “Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.
PSA 88:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi kan maahilaati liinootiin Faarfatame. Maskiilii Heemaan Izraahichaa. Yaa Waaqayyo, Waaqa na fayyiftu, ani halkanii fi guyyaa fuula kee duratti nan iyyadha.
PSA 88:2 Kadhannaan koo fuula kee duratti haa dhiʼaatu; atis gurra kee gara iyyannaa kootiitti qabi.
PSA 88:3 Lubbuun koo rakkinaan guutamteertii; jireenyi koos awwaalatti dhiʼaateera.
PSA 88:4 Ani warra boolla keessa buʼanitti nan lakkaaʼame; akka nama humna hin qabnees nan taʼe.
PSA 88:5 Ani akka nama gorraʼamee awwaala keessa ciisuutti, akka nama ati deebitee hin yaadanneetti, akka warra eegumsa kee jalaa baʼaniitti, warra duʼan wajjin gatameera.
PSA 88:6 Ati boolla gad fagoo keessa, dukkana hamaa keessas na buufteerta.
PSA 88:7 Dheekkamsi kee ulfaatee narra ciiseera; dambalii kee hundas narra garagalchiteerta.
PSA 88:8 Michoota koo narraa fageessiteerta; isaan biratti jibbamaa na gooteerta; akka ani jalaa hin baanettis balballi natti cufameera.
PSA 88:9 Iji koo gaddaan dadhabeera. Yaa Waaqayyo, ani guyyuma guyyaan sin waammadha; harka koo illee gara keetti nan balʼifadha.
PSA 88:10 Ati dinqii kee warra duʼanitti ni argisiiftaa? Warri duʼanis kaʼanii si galateeffatuu?
PSA 88:11 Jaalalli kee awwaala keessatti, amanamummaan kee immoo Qilee keessatti ni labsamaa?
PSA 88:12 Dinqiiwwan kee dukkana keessatti, yookaan qajeelummaan kee biyya irraanfannaa keessatti ni beekamaa?
PSA 88:13 Yaa Waaqayyo, ani garuu akka ati na gargaartuuf gara keetti nan iyyadha; ganamaanis kadhannaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata.
PSA 88:14 Yaa Waaqayyo, ati maaliif na gatta? Fuula kees maaliif na duraa dhokfatta?
PSA 88:15 Ani ijoollummaa kootii jalqabee rakkadhee duʼuu gaʼeen ture; naasisuun kee na dhiphiseera; abdiis kutadheera.
PSA 88:16 Dheekkamsi kee narra yaaʼe; naasisuun kees na balleesseera.
PSA 88:17 Isaan guyyaa guutuu akkuma lolaa bishaanii na marsu; guutumaan guutuuttis na liqimsaniiru.
PSA 88:18 Michoota koo fi warra na jaallatan narraa fudhatteerta; dukkana qofatu michuu naa taʼe.
PSA 89:1 Maskiilii Eetaan Izraahichaa. Ani waaʼee araara Waaqayyoo bara baraan nan faarfadha; afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa.
PSA 89:2 Akka araarri kee bara baraan jiraatu, akka ati amanamummaa kee samii keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa.
PSA 89:3 Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera; Daawit tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera;
PSA 89:4 ‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba; teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’ ”
PSA 89:5 Yaa Waaqayyo, samiiwwan dinqii kee jaju; yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.
PSA 89:6 Samii keessatti eenyutu Waaqayyoon qixxaachuu dandaʼa? Uumamawwan samii keessaa kan Waaqayyoon fakkaatu eenyu?
PSA 89:7 Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.
PSA 89:8 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kan akka keetii eenyu? Yaa Waaqayyo, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.
PSA 89:9 Ati raafama galaanaa ni moota; yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.
PSA 89:10 Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite; irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite.
PSA 89:11 Samiiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti; ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta.
PSA 89:12 Kaabaa fi kibba situ uume; Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan maqaa kee galateeffatu.
PSA 89:13 Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha; harki kee mirgaas ol kaʼeera.
PSA 89:14 Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti; araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu.
PSA 89:15 Yaa Waaqayyo, warri siif ililchuu beekan, warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.
PSA 89:16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu; qajeelummaa keetiinis si jajatu.
PSA 89:17 Ati ulfina jabina isaanii ti; jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta.
PSA 89:18 Dhugumaan gaachanni keenya kan Waaqayyoo ti; kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti.
PSA 89:19 Ati dur akkana jettee saba kee amanamaatti mulʼataan dubbatteerta: “Ani loltuu tokkoof humna kenneera; dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera.
PSA 89:20 Ani garbicha koo Daawitin argadheera; zayitii koo qulqulluunis isa dibeera.
PSA 89:21 Harki koo isa wajjin jira; irreen koos isa jajjabeessa.
PSA 89:22 Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu; namni hamaanis isa hin hacuucu.
PSA 89:23 Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa; warra isa jibbanis nan dhaʼa.
PSA 89:24 Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata; gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha.
PSA 89:25 Ani harka isaa galaana irra, harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa.
PSA 89:26 Innis, ‘Ati Abbaa koo ti; Waaqa koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata.
PSA 89:27 Anis ilma koo hangafa, kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha.
PSA 89:28 Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa; kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.
PSA 89:29 Hidda sanyii isaa bara baraan, teessoo isaa illee hamma samiiwwan jiraatanitti nan dhaaba.
PSA 89:30 “Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan, yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan,
PSA 89:31 yoo isaan sirna koo cabsanii ajaja koo illee eeguu baatan,
PSA 89:32 ani cubbuu isaanii uleedhaan, yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba;
PSA 89:33 ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu; yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru.
PSA 89:34 Ani kakuu koo hin cabsu; yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru.
PSA 89:35 Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera; ani Daawitin hin sobu.
PSA 89:36 Sanyiin isaa bara baraan itti fufa; teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata;
PSA 89:37 akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata; hamma samiiwwan jiranittis cimee dhaabata.”
PSA 89:38 Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas; isa dibde sanatti baayʼee aarteerta.
PSA 89:39 Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta; gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta.
PSA 89:40 Dallaa isaa hunda caccabsiteerta; daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta.
PSA 89:41 Warri achiin darban hundi isa saamu; olloonni isaas itti qoosu.
PSA 89:42 Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta; akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta.
PSA 89:43 Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta; waraana keessattis isa hin gargaarre.
PSA 89:44 Surraa isaa isa irraa balleessiteerta; teessoo isaas lafatti gatteerta.
PSA 89:45 Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta; qaaniidhaanis isa haguugdeerta.
PSA 89:46 Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti? Ati bara baraan of dhoksitaa? Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
PSA 89:47 Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu. Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte!
PSA 89:48 Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼu yookaan humna siiʼool jalaa of baasuu kan dandaʼu nama akkamii ti?
PSA 89:49 Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiin Daawitiif kakatte sun eessa jira?
PSA 89:50 Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame, akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa bobaatti baadhe yaadadhu;
PSA 89:51 yaa Waaqayyo, qoosaa diinonni kee natti qoosan, kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu.
PSA 89:52 Galanni bara baraan Waaqayyoof haa taʼu!
PSA 90:1 Kadhannaa Musee Nama Waaqaa Sanaa. Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti iddoo jireenyaa nuu taateerta.
PSA 90:2 Utuu tulluuwwan hin dhalatin yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin, baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.
PSA 90:3 Atis, “Yaa ilmaan namootaa, biyyootti deebiʼaa” jettee namoota biyyootti deebista.
PSA 90:4 Fuula kee duratti waggaan kumni tokko, akkuma guyyaa kaleessa darbee ti; yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti.
PSA 90:5 Ati hirriba duʼaatiin namoota haxooftee balleessita; isaan akkuma marga ganama bayyanatuu ti;
PSA 90:6 margi sun ganama ganama bayyanatu illee galgala galgala garuu coollagee goga.
PSA 90:7 Aariin kee nu fixeera; dheekkamsi kees nu naasiseera.
PSA 90:8 Yakka keenya fuula kee dura, cubbuu keenya dhokataa sanas ifa fuula keetii dura keesseerta.
PSA 90:9 Barri keenya hundinuu dheekkamsa keetiin dhumeeraatii; umurii keenyas aaduudhaan fixanna.
PSA 90:10 Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama, yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa; kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera; inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.
PSA 90:11 Humna aarii keetii eenyutu beeka? Dheekkamsi kee akkuma sodaa nu siif qabaachuu qabnu sanaa guddaadhaatii.
PSA 90:12 Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf, bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
PSA 90:13 Yaa Waaqayyo, deebiʼi! Kun hamma yoomiitti taʼa? Tajaajiltoota keetiifis garaa laafi.
PSA 90:14 Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf, ganama ganama araara keetiin nu quufsi.
PSA 90:15 Hamma baayʼina guyyoota ati nu miite sanaa, hamma baayʼina waggoota nu rakkanne sanaas nu gammachiisi.
PSA 90:16 Hojiin kee tajaajiltoota keetti, ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu.
PSA 90:17 Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu; hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi; eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.
PSA 91:1 Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
PSA 91:2 Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
PSA 91:3 Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.
PSA 91:4 Inni baallee isaatiin si dhoksa; atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
PSA 91:5 Atis naasuu halkanii, yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;
PSA 91:6 golfaa dukkana keessa deemu, yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.
PSA 91:7 Kumni tokko si cinatti, kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; garuu sitti hin dhiʼaatu.
PSA 91:8 Ati ijuma kee qofaan ilaalta; adaba hamootatti dhufus ni argita.
PSA 91:9 Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu, Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,
PSA 91:10 wanni hamaan si hin tuqu; dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.
PSA 91:11 Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
PSA 91:12 isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef harka isaaniitiin ol si fuudhu.
PSA 91:13 Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.
PSA 91:14 Waaqayyos akkana jedha; “Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.
PSA 91:15 Inni na waammata; anis nan deebisaaf; rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.
PSA 91:16 Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; fayyisuu koos isatti argisiisa.”
PSA 92:1 Faarfannaa Guyyaa Sanbataa Faarfatamu. Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
PSA 92:2 Jaalala kee ganamaan, amanamummaa kees halkaniin labsuun,
PSA 92:3 kiraara ribuu kudhaniitiin, sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.
PSA 92:4 Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii; ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.
PSA 92:5 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam guddaa dha; yaadni kees akkam gad fagoo dha!
PSA 92:6 Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu; gowwaanis hin hubatu;
PSA 92:7 hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu, jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan bara baraan ni barbadaaʼu.
PSA 92:8 Yaa Waaqayyo, ati garuu bara baraan ol ol jetta.
PSA 92:9 Yaa Waaqayyo, kunoo diinota kee, kunoo diinonni kee ni badu; warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu.
PSA 92:10 Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde; zayitii haaraa natti dhangalaafte.
PSA 92:11 Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera; gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera.
PSA 92:12 Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu; akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;
PSA 92:13 isaan mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii jiru; oobdii Waaqa keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.
PSA 92:14 Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu; gabbataniis dagaaganii jiraatu.
PSA 92:15 Isaanis, “Waaqayyo tolaa dha; inni Kattaa koo ti; hamminni isa keessa hin jiru” jedhanii labsu.
PSA 93:1 Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
PSA 93:2 Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; ati durii duriitii jalqabdee jirta.
PSA 93:3 Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru; galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru; galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.
PSA 93:4 Sagalee bishaan baayʼee caalaa, jabina dhaʼaa galaanaa caalaas, Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.
PSA 93:5 Seerri kee jabaatee ni dhaabata; Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan faaya mana keetii ti.
PSA 94:1 Yaa Waaqayyo, Waaqa haaloo baaftu, Yaa Waaqa haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.
PSA 94:2 Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi; of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.
PSA 94:3 Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti warri hamoon, warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?
PSA 94:4 Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu; jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.
PSA 94:5 Yaa Waaqayyo, isaan saba kee miidhu; handhuuraa kees ni hacuucu.
PSA 94:6 Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu; ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.
PSA 94:7 Isaan, “Waaqayyo hin argu; Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu.
PSA 94:8 Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa; isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?
PSA 94:9 Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu? Inni ija uume hin argu?
PSA 94:10 Inni saboota sirreessu sun hin adabuu? Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?
PSA 94:11 Waaqayyo yaada namaa beeka; akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.
PSA 94:12 Yaa Waaqayyo, namni ati adabdu, namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;
PSA 94:13 hamma hamootaaf boolli qotamutti, guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.
PSA 94:14 Waaqayyo saba isaa hin gatuutii; inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.
PSA 94:15 Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama; toloonni hundinuus isa faana buʼu.
PSA 94:16 Eenyutu hamootatti naa kaʼa? Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?
PSA 94:17 Utuu Waaqayyo na gargaaruu baatee, silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.
PSA 94:18 Yaa Waaqayyo yeroo ani, “Miilli koo mucucaateera” jedhetti, araarri kee ol qabee na dhaabe.
PSA 94:19 Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti, jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.
PSA 94:20 Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?
PSA 94:21 Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii nama yakka hin qabnetti duʼa muru.
PSA 94:22 Waaqayyo garuu daʼoo, Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.
PSA 94:23 Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa; sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa; Waaqayyo Waaqni keenya isaan barbadeessa.
PSA 95:1 Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
PSA 95:2 Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
PSA 95:3 Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
PSA 95:4 Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
PSA 95:5 Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume.
PSA 95:6 Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;
PSA 95:7 inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
PSA 95:8 akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;
PSA 95:9 abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan.
PSA 95:10 Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.
PSA 95:11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.
PSA 96:1 Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.
PSA 96:2 Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
PSA 96:3 Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
PSA 96:4 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
PSA 96:5 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
PSA 96:6 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.
PSA 96:7 Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
PSA 96:8 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.
PSA 96:9 Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa; isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.
PSA 96:10 Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa; addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu. Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.
PSA 96:11 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.
PSA 96:12 Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan. Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.
PSA 96:13 Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii; inni lafatti murteessuuf ni dhufa. Addunyaatti qajeelummaadhaan, sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.
PSA 97:1 Waaqayyo moʼeera; lafti haa gammaddu; biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.
PSA 97:2 Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru; qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti.
PSA 97:3 Ibiddi fuula isaa dura deemee diinota isaa naannoo isaatii fixa.
PSA 97:4 Balaqqeen isaa addunyaa ibsa; laftis argitee hollatti.
PSA 97:5 Tulluuwwan fuula Waaqayyoo duratti, fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu.
PSA 97:6 Samiiwwan qajeelummaa isaa labsu; saboonni hundinuus ulfina isaa argu.
PSA 97:7 Warri fakkii waaqeffatan, kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman; isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa!
PSA 97:8 Yaa Waaqayyo, sababii murtii keetiitiif, Xiyoon dhageessee ililchiti; gandoonni Yihuudaas ni gammadu.
PSA 97:9 Yaa Waaqayyo, ati lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii ti; ati waaqota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta.
PSA 97:10 Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee, harka hamootaa jalaa isaan baasuuf, warri Waaqayyoon jaallatan hammina haa jibban.
PSA 97:11 Qajeeltota irratti ifni ni ifa; gara tolootaafis gammachuun ni dhufa.
PSA 97:12 Isin qajeeltonni Waaqayyotti gammadaa; maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.
PSA 98:1 Faarfannaa. Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa; inni dinqii hojjeteeratii; harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun, akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.
PSA 98:2 Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera; qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.
PSA 98:3 Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa mana Israaʼeliif yaadateera; daariin lafaa hundinuu, fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru.
PSA 98:4 Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa; faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;
PSA 98:5 baganaadhaan faarfannaa galataa, baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa;
PSA 98:6 malakataa fi sagalee gaanfaatiin, fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa.
PSA 98:7 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu, addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.
PSA 98:8 Lageen harka isaanii haa rurrukutan; tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;
PSA 98:9 isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti murteessuu ni dhufaatii. Inni addunyaaf qajeelummaadhaan, namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.
PSA 99:1 Waaqayyo moʼeera; saboonni haa hollatan; inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; lafti haa raafamtu.
PSA 99:2 Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha; inni saboota hunda irra ol ol jedheera.
PSA 99:3 Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan; inni qulqulluu dha.
PSA 99:4 Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata; ati tola hundeessiteerta; Yaaqoob keessattis haqaa fi qajeelummaa hojjetteerta.
PSA 99:5 Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa; ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; inni qulqulluu dha.
PSA 99:6 Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan; Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture; isaan Waaqayyoon waammatan; innis deebii kenneef.
PSA 99:7 Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate; isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan.
PSA 99:8 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, ati deebii isaanii kennite; ati balleessaa isaanii adabdu illee, Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte.
PSA 99:9 Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa; tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii.
PSA 100:1 Faarfannaa Galataa. Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.
PSA 100:2 Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa; faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
PSA 100:3 Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; isattu nu uume; nu kan isaa ti; nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
PSA 100:4 Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
PSA 100:5 Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
PSA 101:1 Faarfannaa Daawit. Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha; Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.
PSA 101:2 Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha; ati yoom gara koo dhufta? Ani garaa qulqulluudhaan, mana koo nan jiraadha.
PSA 101:3 Ani ija koo dura, waan hamaa hin kaaʼu. Hojii jalʼootaa nan jibba; nattis hin qabatu.
PSA 101:4 Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan; ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu.
PSA 101:5 Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu, ani afaan nan qabachiisa; nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf, ani obsa hin qabaadhu.
PSA 101:6 Akka isaan na wajjin jiraataniif, iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti; namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila.
PSA 101:7 Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu mana koo keessa hin jiraatu; namni soba dubbatu tokko iyyuu fuula koo dura hin dhaabatu.
PSA 101:8 Ani jalʼoota biyyattii hunda, ganama ganama nan barbadeessa; warra waan hamaa hojjetan magaalaa Waaqayyoo keessaa nan balleessa.
PSA 102:1 Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.
PSA 102:2 Yeroo ani dhiphadhetti, fuula kee na duraa hin dhoksin. Gurra kee gara kootti deebisi; yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.
PSA 102:3 Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii; lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.
PSA 102:4 Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera; ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.
PSA 102:5 Sababii ani guddisee aaduuf, lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.
PSA 102:6 Ani akka urunguu gammoojjii, akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.
PSA 102:7 Ani hirriba malee nan bula; akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.
PSA 102:8 Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu; warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
PSA 102:9 Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii; dhugaatii koottis imimmaan makadheera;
PSA 102:10 kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe; ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.
PSA 102:11 Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti; anis akkuma margaa gogeera.
PSA 102:12 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta; yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.
PSA 102:13 Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta; yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii; yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.
PSA 102:14 Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii; biyyoo ishees ni mararfatu.
PSA 102:15 Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu; mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.
PSA 102:16 Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii; ulfina isaatiinis ni mulʼata.
PSA 102:17 Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa; waammata isaaniis hin tuffatu.
PSA 102:18 Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf, wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:
PSA 102:19 “Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale; samii irraas gara lafaa gad milʼate;
PSA 102:20 kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.”
PSA 102:21 Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti, galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;
PSA 102:22 kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni, Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.
PSA 102:23 Inni jabina koo karaatti hambise; umurii koos ni gabaabse.
PSA 102:24 Anis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin; waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.
PSA 102:25 Ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
PSA 102:26 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu. Ati akkuma uffataa isaan geeddarta; isaanis ni badu.
PSA 102:27 Ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.
PSA 102:28 Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu; sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”
PSA 103:1 Faarfannaa Daawit. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi; keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.
PSA 103:2 Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi; tola isaa hundas hin irraanfatin.
PSA 103:3 Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;
PSA 103:4 jireenya kee boolla irraa ni baraara; jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;
PSA 103:5 akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis, inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.
PSA 103:6 Waaqayyo warra cunqurfaman hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.
PSA 103:7 Inni karaa isaa Museetti, hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.
PSA 103:8 Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
PSA 103:9 Inni yeroo hunda hin dheekkamu; aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;
PSA 103:10 inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne; yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.
PSA 103:11 Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;
PSA 103:12 akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
PSA 103:13 Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
PSA 103:14 inni akka nu itti uumamne ni beekaatii; akka nu biyyoo taanes ni yaadata.
PSA 103:15 Barri namaa akkuma margaa ti; akka abaaboo dirrees ni misa;
PSA 103:16 inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada; iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.
PSA 103:17 Jaalalli Waaqayyoo garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;
PSA 103:18 warra kakuu isaa eeganitti, warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.
PSA 103:19 Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.
PSA 103:20 Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon, warri dubbii isaatiif ajajamtanis Waaqayyoon eebbisaa.
PSA 103:21 Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa guuttan Waaqayyoon eebbisaa.
PSA 103:22 Uumamawwan bulchiinsa isaa jala lafa hunda jirtan hundi Waaqayyoon eebbisaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.
PSA 104:1 Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi. Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha; miidhaginaa fi surraa uffatteerta.
PSA 104:2 Ati akkuma wayyaa ifa uffatta; samiiwwanis akkuma dunkaanaa diriirsita.
PSA 104:3 Dareeraa diinqa isaa bishaanota irra buufta. Duumessoota gaarii isaa godhata; qoochoo bubbee yaabbattee deema.
PSA 104:4 Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha.
PSA 104:5 Inni lafa hundee ishee irra dhaabeera; isheenis gonkumaa hin sochootu.
PSA 104:6 Ati akkuma wayyaatti tuujubaan ishee haguugde; bishaanonnis tulluuwwanii ol dhaabatan.
PSA 104:7 Ati ifannaan bishaanonni baqatan; sagalee qaqawwee keetii dhageenyaan gugatan.
PSA 104:8 Isaan tulluuwwan irraan dhangalaʼan; gara iddoo ati isaanii qopheessitee, gara sululootaatti gad yaaʼan.
PSA 104:9 Akka isaan deebiʼanii lafa hin haguugneef ati daarii isaan darbuu hin dandeenye isaan dura dhaabde.
PSA 104:10 Akka burqaawwan sululoota keessa yaaʼan goota; isaanis tulluuwwan gidduu yaaʼu.
PSA 104:11 Isaan bineensota bakkee hundaaf bishaan kennu; harroonni diidaas dheebuu baʼu.
PSA 104:12 Simbirroonni samii bishaanota biratti mandhee ijaarratan; dameewwan gidduutti ni faarfatan.
PSA 104:13 Inni mana isaa kan olii irraa tulluuwwan bishaan obaafta; laftis ija hojii keetiitiin quufti.
PSA 104:14 Inni lafa irraa nyaata kennuuf jedhee looniif marga, faayidaa namaatiif immoo biqiltuuwwan biqilcha;
PSA 104:15 akka daadhiin wayinii garaa nama gammachiisu, akka zayitiin fuula nama cululuqsuu fi akka midhaan nama jajjabeessu ni goota.
PSA 104:16 Mukkeen Waaqayyoo, birbirsi Libaanoon kan inni dhaabe sun bishaan quufaniiru.
PSA 104:17 Simbirroonni achitti mandhee isaanii ijaarratu; huummoonis birbirsa irraa mana qabdi.
PSA 104:18 Tulluuwwan dhedheeroon daʼoo reʼee diidaa ti; holqi kattaawwanii immoo daʼoo osolee ti.
PSA 104:19 Inni akka jiʼi waqtiilee gargar qoodu godha; biiftuunis yeroo itti lixxu ni beekti.
PSA 104:20 Ati dukkana uumta; halkanis ni taʼa; bineensonni bosonaa hundis gad yaaʼu.
PSA 104:21 Leenci saafelli waan nyaatu barbaadee aada; nyaata isaas Waaqa bira barbaada.
PSA 104:22 Isaan yommuu biiftuun baatutti walitti qabamu; dachaʼaniis goda isaanii keessa ciciisu.
PSA 104:23 Namni gara hojii isaatti, hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa.
PSA 104:24 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam baayʼee dha! Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette; laftis uumamawwan keetiin guutamte.
PSA 104:25 Galaanni guddaa fi balʼaan kun, uumamawwan hamma hin qabneen guutame; kan lubbuu qabeeyyiin gurguddaa fi xixinnoon keessa jiraatan kuunnoo jira.
PSA 104:26 Dooniiwwan as irra deddeebiʼu; lewaataan kan akka inni achi keessa taphatuuf ati uumtes achi jira.
PSA 104:27 Akka ati nyaata isaanii yeroo barbaachisuutti isaaniif kennituuf, isaan hundi si eeggatu.
PSA 104:28 Yeroo ati isaaniif kennitutti, isaan walitti qabatu; yeroo ati harka kee balʼiftutti, isaan waan gaarii quufu.
PSA 104:29 Yeroo ati fuula kee dhokfattutti, isaan ni naʼu; yeroo ati hafuura isaanii fudhattutti, isaan duʼanii biyyootti deebiʼu.
PSA 104:30 Yeroo ati Hafuura kee ergitutti isaan ni uumamu; atis fuula lafaa ni haaromsita.
PSA 104:31 Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu; Waaqayyo hojii isaatti haa gammadu;
PSA 104:32 inni ilaallaan lafti hollatte; inni tuqnaan tulluuwwan keessaa aarrii baʼe.
PSA 104:33 Bara jireenya koo guutuu ani Waaqayyoof nan faarfadha; hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan Waaqa koo nan galateeffadha.
PSA 104:34 Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu; ani Waaqayyotti nan gammadaatii.
PSA 104:35 Cubbamoonni lafa irraa haa badan; hamoonnis siʼachi hin jiraatin. Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi. Haalleluuyaa.
PSA 105:1 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
PSA 105:2 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
PSA 105:3 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
PSA 105:4 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
PSA 105:5 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
PSA 105:6 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
PSA 105:7 Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
PSA 105:8 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
PSA 105:9 inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
PSA 105:10 Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera:
PSA 105:11 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”
PSA 105:12 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
PSA 105:13 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
PSA 105:14 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
PSA 105:15 “Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
PSA 105:16 Inni beela biyyattiitti waame; midhaan nyaataa hundas ni balleesse;
PSA 105:17 innis Yoosef namicha akka garbaatti gurgurame tokko isaan dura erge.
PSA 105:18 Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan; mormi isaas sibiila keessa galfame;
PSA 105:19 hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti dubbiin Waaqayyoo isa qore.
PSA 105:20 Mootiin nama ergee gad isa dhiisise; bulchaan sabaa isa hiiksise.
PSA 105:21 Mootichis mana isaa irratti ajajaa, qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;
PSA 105:22 kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf, akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.
PSA 105:23 Israaʼel biyya Gibxi dhaqe; Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.
PSA 105:24 Waaqayyo saba isaa akka malee baayʼise; akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;
PSA 105:25 innis akka isaan saba isaa jibbanii fi akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.
PSA 105:26 Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi Aroon filatamaa isaa erge.
PSA 105:27 Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa, biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.
PSA 105:28 Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse; isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.
PSA 105:29 Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.
PSA 105:30 Fatteen biyya isaanii guutee diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.
PSA 105:31 Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.
PSA 105:32 Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse; bakakkaas biyya isaaniitti erge;
PSA 105:33 wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse; mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.
PSA 105:34 Inni dubbannaan hawwaannisnii fi korophisni hedduun dhufan;
PSA 105:35 isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan; waan lafti isaanii baases ni fixan.
PSA 105:36 Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda, jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.
PSA 105:37 Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe; gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.
PSA 105:38 Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan; isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.
PSA 105:39 Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe; akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
PSA 105:40 Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef; buddeena samiitiinis isaan quufse.
PSA 105:41 Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe; akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.
PSA 105:42 Inni waadaa isaa qulqulluu, kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii.
PSA 105:43 Inni saba isaa gammachuun, warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;
PSA 105:44 inni biyya ormootaa isaaniif kenne; isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;
PSA 105:45 kanas akka isaan sirna isaa eeganii seera isaatiif bulaniif godhe. Haalleluuyaa.
PSA 106:1 Haalleluuyaa. Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
PSA 106:2 Eenyutu hojii Waaqayyoo jabaa sana labsuu, yookaan galata isaa guutummaatti odeessuu dandaʼaa?
PSA 106:3 Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan, warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha.
PSA 106:4 Yaa Waaqayyo, yommuu saba keetti faara toltutti na yaadadhu; yommuu isaan oolchituttis na gargaari;
PSA 106:5 akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf, akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu.
PSA 106:6 Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra; yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra.
PSA 106:7 Abbootiin keenya yeroo biyya Gibxi keessa turanitti, dinqii kee hin hubanne; baayʼina araara keetiis hin yaadanne; isaan galaana biratti, Galaana Diimaa biratti sitti fincilan.
PSA 106:8 Taʼus inni akka humni isaa guddaan sun beekamuuf, maqaa isaatiif jedhee isaan oolche.
PSA 106:9 Inni Galaana Diimaa ifate; galaanichis ni goge; akkuma waan gammoojjii keessa dabarsuutti lafa gogaa irra isaan dabarse.
PSA 106:10 Harka amajaajii isaanii keessaa isaan baase; humna diinaa jalaas isaan fure.
PSA 106:11 Bishaanonni diinota isaanii liqimsan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne.
PSA 106:12 Ergasii isaan dubbii isaa amananii faarfannaadhaan isa galateeffatan.
PSA 106:13 Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan; gorsa isaas obsaan hin eegganne.
PSA 106:14 Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman; lafa onaa keessattis Waaqa qoran.
PSA 106:15 Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef; garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge.
PSA 106:16 Isaan qubata keessatti Musee fi Aroon qulqullicha Waaqayyootti hinaafan.
PSA 106:17 Lafti afaan banattee Daataanin liqimsite; garee Abiiraamis gad fudhatte.
PSA 106:18 Duuka buutoota isaanii gidduutti ibiddi bobaʼe; arrabni ibiddaas hamoota fixe.
PSA 106:19 Isaan Kooreebitti jabbii tolfatan; fakkii baqfamee tolfames waaqeffatan.
PSA 106:20 Isa Ulfina isaanii taʼe sana, fakkii sangaa marga dheeduutti geeddaran.
PSA 106:21 Waaqa isaan fayyise, isa biyya Gibxitti waan gurguddaa hojjete sana irraanfatan.
PSA 106:22 Dinqii inni biyya Haam keessatti hojjete, hojii sodaachisaa inni Galaana Diimaa irratti hojjetes ni irraanfatan.
PSA 106:23 Kanaafuu utuu filatamaan isaa Museen akka dheekkamsi Waaqaa isaan hin balleessineef gidduu galee fuula isaa dura dhaabachuu baatee silaa Waaqni akka isaan balleessu dubbatee ture.
PSA 106:24 Isaanis biyya namatti tolu sana tuffatan; waadaa Waaqni gales hin amanne.
PSA 106:25 Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman; Waaqayyoofis hin ajajamne.
PSA 106:26 Kanaafuu inni akka gammoojjii keessatti isaan gatu harka isaa ol qabatee kakate;
PSA 106:27 sanyii isaanii akka saboota gidduutti gatu, biyyoota hunda keessas akka isaan bittinneessu kakate.
PSA 106:28 Isaan Baʼaal Pheʼooritti of kennanii aarsaa waaqota lubbuu hin qabneef dhiʼeeffame nyaatan.
PSA 106:29 Hojii isaanii hamaa sanaan Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan; dhaʼichis isaan irra buʼe.
PSA 106:30 Garuu Fiinehaas kaʼee gidduu seennaan dhaʼichi sun dhaabate.
PSA 106:31 Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti, akka qajeelummaatti isaaf herregame.
PSA 106:32 Isaan bishaan Mariibaa biratti akka Waaqayyo aaru godhan. Museenis sababii isaaniitiif rakkate;
PSA 106:33 sababii isaan Hafuura Waaqaatti fincilaniif Museen utuu itti hin yaadin dubbate.
PSA 106:34 Isaan akka Waaqayyo isaan ajajetti, saboota hin balleessine;
PSA 106:35 isaan garuu ormootatti makamanii duudhaa isaanii baratan.
PSA 106:36 Waaqota isaanii tolfamoo, kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan.
PSA 106:37 Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan.
PSA 106:38 Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee, dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii, kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan; biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
PSA 106:39 Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan; hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan.
PSA 106:40 Kanaafuu Waaqayyo saba isaatti aare; handhuuraa isaas ni balfe.
PSA 106:41 Inni dabarsee ormootatti isaan kenne; amajaajonni isaaniis of jalatti isaan bulchan.
PSA 106:42 Diinonni isaanii isaan cunqursan; humna isaanii jalas isaan galfatan.
PSA 106:43 Inni yeroo baayʼee isaan baraare; isaan garuu ittuma fufanii fincilan; ittuma caalchisaniis cubbuu hojjetan.
PSA 106:44 Inni garuu yommuu iyya isaanii dhagaʼetti, rakkina isaanii hubate;
PSA 106:45 isaaniif jedhee kakuu isaa yaadate; sababii jaalala isaa guddaa sanaatiif garaa laafeef.
PSA 106:46 Inni akka warri isaan boojiʼan hundinuu garaa isaaniif laafaniif godhe.
PSA 106:47 Yaa Waaqayyo, Waaqa keenya nu oolchi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, ormoota keessaa walitti nu qabi.
PSA 106:48 Waaqayyo, Waaqa Israaʼeliitiif, bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Namni hundinuu “Ameen!” haa jedhu. Haalleluuyaa!
PSA 107:1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
PSA 107:2 Warri Waaqayyo isaan fure, warri inni harka diinaatii baase,
PSA 107:3 warri inni biyya gara garaatii, baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan.
PSA 107:4 Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran; magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne.
PSA 107:5 Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis; lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde.
PSA 107:6 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
PSA 107:7 Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti karaa qajeelaa irra isaan qajeelche.
PSA 107:8 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
PSA 107:9 inni warra dheebotan dheebuu baasee warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.
PSA 107:10 Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa, dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan;
PSA 107:11 isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii.
PSA 107:12 Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.
PSA 107:13 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
PSA 107:14 Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase; foncaa isaanis gargar kukkute.
PSA 107:15 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
PSA 107:16 inni balbalawwan naasii caccabsee danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii.
PSA 107:17 Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman; sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan.
PSA 107:18 Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii afaan boolla duʼaa gaʼan.
PSA 107:19 Rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
PSA 107:20 Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise; awwaala keessaas isaan baase.
PSA 107:21 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, Waaqayyoon haa galateeffatan!
PSA 107:22 Aarsaa galataa haa dhiʼeessan; faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.
PSA 107:23 Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii bishaanota gurguddaa irratti daldalan.
PSA 107:24 Isaanis hojii Waaqayyootii fi hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan.
PSA 107:25 Inni dubbatee bubbee jabaa dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii.
PSA 107:26 Isaan samiitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan; rakkina isaanii keessattis abdii kutatan.
PSA 107:27 Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran ogummaan isaanis faayidaa dhabe.
PSA 107:28 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
PSA 107:29 Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf dhaʼaa galaanaa calʼisiise.
PSA 107:30 Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan; haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse.
PSA 107:31 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan.
PSA 107:32 Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan; wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan.
PSA 107:33 Innis lagoota gammoojjii taasisee burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare;
PSA 107:34 sababii hammina warra achi jiraataniitiif, biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise.
PSA 107:35 Gammoojjii kuusaa bishaaniitti, lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare;
PSA 107:36 inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe; isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan.
PSA 107:37 Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan; midhaan gaariis argatan.
PSA 107:38 Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale; akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone.
PSA 107:39 Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti,
PSA 107:40 inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe.
PSA 107:41 Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase; maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise.
PSA 107:42 Qajeeltonni waan kana arganii ililchu; hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu.
PSA 107:43 Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu; jaalala Waaqayyoo kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu.
PSA 108:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; lubbuu koo guutuudhaanis sin galateeffadha.
PSA 108:2 Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
PSA 108:3 Yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
PSA 108:4 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis caalaa ol dheeraadhaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
PSA 108:5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
PSA 108:6 Akka warri ati jaallattu furamaniif, harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris;
PSA 108:7 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera: “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; Sulula Sukootis nan safara.
PSA 108:8 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti; Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
PSA 108:9 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
PSA 108:10 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? Eenyutu Edoomitti na geessa?
PSA 108:11 Yaa Waaqi kan nu gatte, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
PSA 108:12 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar, gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
PSA 108:13 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; innis diinota keenya gad dhidhiita.
PSA 109:1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ani galateeffadhu ati hin calʼisin;
PSA 109:2 namoonni hamoonnii fi gowwoomsitoonni, afaan isaanii natti banatanii jiruutii; isaan arraba sobaatiin maqaa na balleessaniiru.
PSA 109:3 Isaan dubbii jibbaatiin na marsan; sababii tokko malees na lolan.
PSA 109:4 Utuma ani isaan jaalladhuu na himatan; ani garuu nan kadhadha.
PSA 109:5 Qooda waan gaarii hammina, qooda jaalala koo immoo jibba naa deebisan.
PSA 109:6 Akka inni isa mormuuf nama itti ramadi; seexannis karaa mirga isaa haa dhaabatu.
PSA 109:7 Yommuu qoratamutti isatti haa muramu; kadhannaan isaas cubbuu isatti haa taʼu.
PSA 109:8 Umuriin isaa haa gabaabbatu, aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.
PSA 109:9 Ijoolleen isaa abbaa malee haa hafan; niitiin isaas haadha hiyyeessaa haa taatu.
PSA 109:10 Ijoolleen isaa kadhattoota asii fi achi jooran haa taʼan; mana isaanii diigamaa keessaa illee haa ariʼaman.
PSA 109:11 Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu; buʼaa dadhabbii isaa illee karaa adeemtonni haa saaman.
PSA 109:12 Namni tokko iyyuu isaaf hin naʼin, yookaan ijoollee isaa kanneen abbaa hin qabneef garaa hin laafin.
PSA 109:13 Sanyiin isaa haa dhumu; maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haa balleeffamu.
PSA 109:14 Balleessaan abbootii isaa fuula Waaqayyoo duratti haa yaadatamu; cubbuun haadha isaas hin haqamin.
PSA 109:15 Akka inni seenaa isaanii lafa irraa balleessuuf, cubbuun isaanii yeroo hunda fuula Waaqayyoo dura haa jiraatu.
PSA 109:16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota, warra garaan isaanii madaaʼes hamma duʼaatti gugse malee garaa isaaniif laafuu hin yaadneetii.
PSA 109:17 Inni abaaruu jaallate; abaarsi sun isumatti haa deebiʼu; inni eebbisuu hin jaallanne; eebbis isa irraa haa fagaatu.
PSA 109:18 Inni akkuma uffata isaatti abaarsa uffata; abaarsis akkuma bishaanii dhagna isaa seena; akkuma zayitiis lafee isaa lixa.
PSA 109:19 Abaarsi sun akkuma uffata inni ittiin of haguuguu, sabbata inni yeroo hunda hidhatuus isatti haa taʼu.
PSA 109:20 Kaffaltiin Waaqayyo warra na himatanii fi warra jireenya koo irratti waan hamaa dubbataniif kaffalu kanuma haa taʼu.
PSA 109:21 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garuu maqaa keetiif jedhii na gargaar; gaarummaa jaalala keetiitiif jedhiitii na oolchi.
PSA 109:22 Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii; garaan koos na keessatti madaaʼeera.
PSA 109:23 Ani akkuma gaaddidduu galgalaa badeera; akkuma hawwaannisaas olii gad oofameera.
PSA 109:24 Jilbi koo soomuudhaan dadhabeera; dhagni koos huqqatee lafeetti baʼeera.
PSA 109:25 Ani warra na himatan biratti waan tuffii taʼeera; isaan yommuu na argan mataa isaanii raasu.
PSA 109:26 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na gargaari; akkuma jaalala keetiittis na oolchi.
PSA 109:27 Yaa Waaqayyo, akka wanni kun harka kee taʼe, akka ati waan kana hojjette isaan haa beekan.
PSA 109:28 Isaan ni abaaru; ati garuu ni eebbifta; yommuu natti kaʼan isaan ni qaanaʼu; tajaajilaan kee garuu ni gammada.
PSA 109:29 Himattoonni koo salphina haa uffatan; akkuma nama waaroo uffatuutti qaaniidhaan haa haguugaman.
PSA 109:30 Ani afaan kootiin guddisee Waaqayyoon nan galateeffadha; waldaa guddaa gidduuttis isa nan jajadha.
PSA 109:31 Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee, karaa harka mirga rakkataatiin dhaabataatii.
PSA 110:1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo, gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, karaa mirga koo taaʼi” jedhe.
PSA 110:2 Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.
PSA 110:3 Gaafa ati waraanaaf baatu, loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu. Ati gadameessa ganamaa keessaa, surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.
PSA 110:4 Waaqayyo, “Akka sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera. Inni yaada isaa hin geeddaru.
PSA 110:5 Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira; inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.
PSA 110:6 Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa barbadeessuudhaan sabootatti mura.
PSA 110:7 Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga; kanaafuu mataa ol qabata.
PSA 111:1 Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha.
PSA 111:2 Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.
PSA 111:3 Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
PSA 111:4 Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; Waaqayyo arjaa fi gara laafessa.
PSA 111:5 Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata.
PSA 111:6 Lafa saboota kaanii isaaniif kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.
PSA 111:7 Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.
PSA 111:8 Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.
PSA 111:9 Inni saba isaatiif furii ergeera; kakuu isaas bara baraan ajajeera; maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.
PSA 111:10 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.
PSA 112:1 Haalleluuyaa. Namni Waaqayyoon sodaatu, kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
PSA 112:2 Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa; dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
PSA 112:3 Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
PSA 112:4 Nama tolaa fi arjaadhaaf, gara laafessaa fi qajeelaaf, dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.
PSA 112:5 Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf, nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.
PSA 112:6 Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu; namni qajeelaan bara baraan yaadatama.
PSA 112:7 Inni oduu hamaa hin sodaatu; garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan jabaatee dhaabata.
PSA 112:8 Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus; dhuma irrattis diinota isaa moʼata.
PSA 112:9 Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; gaanfi isaas ulfinaan ol qabama.
PSA 112:10 Namni hamaan waan kana argee aara; ilkaan isaa qara; baqees ni bada; hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.
PSA 113:1 Haalleluuyaa. Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa; maqaa Waaqayyoo jajadhaa.
PSA 113:2 Ammaa hamma bara baraatti maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.
PSA 113:3 Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu.
PSA 113:4 Waaqayyo saba hundaa ol jira; ulfinni isaas samiiwwanii ol.
PSA 113:5 Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?
PSA 113:6 Kan gad jedhee samii fi lafa ilaalu eenyu?
PSA 113:7 Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
PSA 113:8 inni bulchitoota gidduu, bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
PSA 113:9 Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. Haalleluuyaa.
PSA 114:1 Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobis saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,
PSA 114:2 Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa, Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.
PSA 114:3 Galaanni argee baqate; Yordaanosis duubatti deebiʼe;
PSA 114:4 tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa, gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.
PSA 114:5 Yaa galaana, ati maaliif baqatte? Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?
PSA 114:6 Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa, yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?
PSA 114:7 Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti, fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu;
PSA 114:8 inni kattaa gara harootti, kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.
PSA 115:1 Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni.
PSA 115:2 Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?
PSA 115:3 Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
PSA 115:4 Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
PSA 115:5 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
PSA 115:6 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
PSA 115:7 harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.
PSA 115:8 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
PSA 115:9 Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
PSA 115:10 Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
PSA 115:11 Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
PSA 115:12 Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa;
PSA 115:13 inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa.
PSA 115:14 Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu.
PSA 115:15 Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu.
PSA 115:16 Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera.
PSA 115:17 Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan;
PSA 115:18 nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa.
PSA 116:1 Ani Waaqayyoon nan jaalladha; inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.
PSA 116:2 Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef, ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.
PSA 116:3 Kiyyoon duʼaa na marse; dhiphinni Siiʼoolis na qabate; ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame.
PSA 116:4 Anis, “Yaa Waaqayyo na oolchi!” jedhee maqaa Waaqayyoo nan waammadhe.
PSA 116:5 Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya gara laaffessa.
PSA 116:6 Waaqayyo garraamota ni eega; yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.
PSA 116:7 Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii.
PSA 116:8 Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa, ija koo imimmaan irraa, miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,
PSA 116:9 ani biyya warra jiraatoo keessa, fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha.
PSA 116:10 Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti, amantii koo eeggadheera.
PSA 116:11 Ani yommuun burjaajaʼetti, “Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe.
PSA 116:12 Waan gaarii inni naa godhe hundaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?
PSA 116:13 Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee maqaa Waaqayyoo nan waammadha.
PSA 116:14 Fuula saba isaa hundumaa duratti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha.
PSA 116:15 Duuti qulqulloota isaa, fuula Waaqayyoo duratti ulfina qaba.
PSA 116:16 Yaa Waaqayyo, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti; ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti; ati foncaa koo narraa hiikteerta.
PSA 116:17 Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; maqaa Waaqayyoos nan waammadha.
PSA 116:18 Iddoo sabni isaa hundi jirutti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha;
PSA 116:19 yaa Yerusaalem si keessatti, oobdii mana Waaqayyoo irrattis nan galcha. Haalleluuyaa.
PSA 117:1 Saboonni hundi Waaqayyoon jajadhaa; isin namoonni hundinuu isa leellisaa.
PSA 117:2 Jaalalli inni nuuf qabu guddaadhaatii; amanamummaan Waaqayyoo bara baraan jiraata. Haalleluuyaa.
PSA 118:1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
PSA 118:2 Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
PSA 118:3 Manni Aroonis, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
PSA 118:4 Warri Waaqayyoon sodaatan, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.
PSA 118:5 Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe; innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
PSA 118:6 Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa?
PSA 118:7 Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti. Anis diinota koo nan moʼadha.
PSA 118:8 Nama amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
PSA 118:9 Qondaaltota amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
PSA 118:10 Saboonni hundinuu na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
PSA 118:11 Isaan karaa hundaan na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
PSA 118:12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan; garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan; anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
PSA 118:13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture; Waaqayyo garuu na gargaare.
PSA 118:14 Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.
PSA 118:15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama; “Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!
PSA 118:16 Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera; harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!”
PSA 118:17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu; waan Waaqayyo hojjetes nan labsa.
PSA 118:18 Waaqayyo jabeessee na adabeera; garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.
PSA 118:19 Karra qajeelummaa naa banaa; anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha.
PSA 118:20 Kun karra Waaqayyoo, kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.
PSA 118:21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha; ati fayyina naa taateerta.
PSA 118:22 Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera;
PSA 118:23 Waaqayyo waan kana hojjeteera; kunis ija keenyatti dinqii dha.
PSA 118:24 Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha; kottaa ni ililchina; itti gammannas.
PSA 118:25 Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi; Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.
PSA 118:26 Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha. Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.
PSA 118:27 Waaqayyo Waaqa; ifa isaas nuu irratti ibseera. Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa; gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.
PSA 118:28 Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha; ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa.
PSA 118:29 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
PSA 119:1 Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera Waaqayyootti jiraattan eebbifamoo dha.
PSA 119:2 Warri ajajawwan isaa eegan, kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
PSA 119:3 Isaan balleessaa hin hojjetan; karaa isaa irras ni deemu.
PSA 119:4 Akka Seerri kee amanamummaadhaan eegamuuf ati ajajjeerta.
PSA 119:5 Akka ani ajaja kee eeguuf utuu karaan koo naa qajeelee jiraatee!
PSA 119:6 Ani utuun ajajawwan kee hunda xiyyeeffadhee ilaalee silaa hin qaanaʼun ture.
PSA 119:7 Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti, garaa tolaadhaan sin galateeffadha.
PSA 119:8 Ani sirna keetiif nan bula; ati gonkumaa na hin dhiisin.
PSA 119:9 Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa? Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
PSA 119:10 Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada; akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
PSA 119:11 Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
PSA 119:12 Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu; sirna kee na barsiisi.
PSA 119:13 Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa, afaan kootiin nan dubbadha.
PSA 119:14 Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu, ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.
PSA 119:15 Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada; karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
PSA 119:16 Ani sirna keetti nan gammada; dubbii kees hin dagadhu.
PSA 119:17 Akka ani jiraadhuu fi dubbii kee eeguuf, garbicha keetiif waan gaarii godhi.
PSA 119:18 Akka ani seera kee keessatti waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani.
PSA 119:19 Ani lafa irratti keessummaa dha; ajajawwan kee na duraa hin dhoksin.
PSA 119:20 Lubbuun koo yeroo hunda seera kee hawwuudhaan, laafaa jirti.
PSA 119:21 Ati of tuultota warra abaaramoo, kanneen ajajawwan kee irraa jalʼatan ni ifatta.
PSA 119:22 Waan ani seera kee eeguuf, arrabsoo fi tuffii isaanii narraa fageessi.
PSA 119:23 Bulchitoonni walii wajjin taaʼanii yoo maqaa na balleessan iyyuu, tajaajilaan kee irra deddeebiʼee labsii kee ni yaada.
PSA 119:24 Ajajni kee gammachuu koo ti; gorsituu kootis.
PSA 119:25 Lubbuun koo biyyootti maxxante; ati akkuma dubbii keetiitti na oolchi.
PSA 119:26 Yeroo ani waaʼee karaa koo sitti himetti, ati deebii naa kennite; sirna kees na barsiisi.
PSA 119:27 Barsiisa seera keetii na hubachiisi; anis irra deddeebiʼee dinqii kee nan yaada.
PSA 119:28 Lubbuun koo gaddaan laafteerti; ati akkuma dubbii keetiitti na jabeessi.
PSA 119:29 Karaa sobaa irraa na fageessi; arjumaadhaanis seera kee na barsiisi.
PSA 119:30 Ani karaa dhugaa filadheera; seera kees of dura kaaʼadheera.
PSA 119:31 Yaa Waaqayyo, ani ajaja kee jabeessee qabadheera; ati na hin qaanessin.
PSA 119:32 Sababii ati hubannaa koo naa balʼifteef ani daandii ajajawwan keetii irra nan fiiga.
PSA 119:33 Yaa Waaqayyo, akka ani sirna kee duukaa buʼu na barsiisi; anis hamma dhumaatti isa nan eega.
PSA 119:34 Akka ani seera kee eegee garaa koo guutuun isaaf ajajamuuf hubannaa naa kenni.
PSA 119:35 Daandii ajajawwan keetii irra na deemsisi; anis achitti gammachuu nan argadhaatii.
PSA 119:36 Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin, gara sirna keetiitti naa deebisi.
PSA 119:37 Ija koo waan faayidaa hin qabne irraa deebisi; akkuma dubbii keetiittis na jiraachisi.
PSA 119:38 Ati akka sodaatamtuuf, waadaa kee garbicha keetiif guuti.
PSA 119:39 Salphina ani sodaadhu narraa fageessi; seerri kee gaariidhaatii.
PSA 119:40 Kunoo, ani sirna kee nan hawwa; qajeelummaa keetiin na jiraachisi.
PSA 119:41 Yaa Waaqayyo, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun, fayyisuun kees akkuma dubbii keetiitti gara koo haa dhufu;
PSA 119:42 yoos ani sababii dubbii kee amanadhuuf, warra na arrabsaniif deebii kenna.
PSA 119:43 Waan ani seera kee abdadheef, ati dubbii dhugaa afaan koo keessaa hin balleessin.
PSA 119:44 Bara baraa hamma bara baraatti, ani yeroo hunda seera kee nan eega.
PSA 119:45 Ani ajaja kee waanan barbaaduuf, bilisummaadhaan nan deddeebiʼa.
PSA 119:46 Ani waaʼee ajaja keetii mootota duratti nan dubbadha; hin qaaneffamus;
PSA 119:47 waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf, isaanitti nan gammada.
PSA 119:48 Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti harka koo ol nan fudhadha; labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada.
PSA 119:49 Waadaa tajaajilaa keetiif seente sana yaadadhu; ati isumaan abdii naa kenniteertaatii.
PSA 119:50 Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana: Waadaan kee na jiraachisa.
PSA 119:51 Of tuultonni akkuma barbaadanitti natti qoosu; ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu.
PSA 119:52 Yaa Waaqayyo, ani seera kee durii sana nan yaadadha; isa keessattis jajjabina nan argadha.
PSA 119:53 Sababii hamoota warra seera kee dhiisaniitiif, aariin na gugguba.
PSA 119:54 Iddoo keessummummaa koo hundatti seerri kee faarfannaa koo ti.
PSA 119:55 Yaa Waaqayyo, ani halkan keessa maqaa kee nan yaadadha; seera kees nan eega.
PSA 119:56 Waan ani ajaja kee eegeef, kun naaf taʼeera.
PSA 119:57 Yaa Waaqayyo, ati qooda koo ti; anis dubbii keetiif ajajamuuf waadaa galeera.
PSA 119:58 Ani garaa koo guutuun fuula kee barbaaddadheera; ati akkuma waadaa keetiitti naa araarami.
PSA 119:59 Ani karaa koo itti deddeebiʼee yaadeera; tarkaanfii koo gara sirna keetiitti deebiseera.
PSA 119:60 Ani ajajawwan kee eeguuf, nan ariifadha; hin barfadhus.
PSA 119:61 Hamoonni yoo funyoodhaan na hidhan iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
PSA 119:62 Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani si galateeffachuuf jedhee halkan walakkaa nan kaʼa.
PSA 119:63 Ani warra si sodaatan hundaaf, warra ajaja kee eegan hundaafis michuu dha.
PSA 119:64 Yaa Waaqayyo, lafti jaalala keetiin guutamteerti; sirna kee na barsiisi.
PSA 119:65 Yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti, tajaajilaa keetiif waan gaarii gooteerta.
PSA 119:66 Murtii gaarii fi beekumsa na barsiisi; ani ajajawwan keetti nan amanaatii.
PSA 119:67 Ani utuun hin rakkatin karaa irraa badee ture; amma garuu dubbii kee nan eega.
PSA 119:68 Ati gaarii dha; wanni ati hojjettus gaarii dha; sirna kee na barsiisi.
PSA 119:69 Of tuultonni yoo sobaan maqaa na balleessan iyyuu, ani garaa koo guutuudhaan seera kee nan eega.
PSA 119:70 Onneen isaanii mooraan haguugamteerti; ani garuu seera keetti nan gammada.
PSA 119:71 Akka ani sirna kee baradhuuf, rakkachuun koo anaaf gaarii ture.
PSA 119:72 Meetii fi warqee kumaatama irra, seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha.
PSA 119:73 Harki kee na uume; na tolches; akka ani ajaja kee baradhuuf ati hubannaa naa kenni.
PSA 119:74 Sababii ani dubbii kee abdadheef, warri si sodaatan yommuu na arganitti haa gammadan.
PSA 119:75 Yaa Waaqayyo, ani akka murtiin kee qajeelaa taʼe, akka atis amanamummaadhaan na dhiphiste beeka.
PSA 119:76 Akkuma ati tajaajilaa keetiif waadaa galte sanatti, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun na haa jajjabeessu.
PSA 119:77 Akka ani lubbuun jiraadhuuf gara laafinni kee gara koo haa dhufu; seerri kee gammachuu kootii.
PSA 119:78 Of tuultonni waan sababii malee na yakkaniif haa qaanaʼan; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
PSA 119:79 Warri si sodaatan, kanneen seera kee hubatan gara kootti haa deebiʼan.
PSA 119:80 Akka ani hin qaanofneef garaan koo seera kee duratti hanqina hin qabaatin.
PSA 119:81 Lubbuun koo fayyisuu kee hawwuudhaan gaggabdi; ani garuu dubbii kee nan abdadha.
PSA 119:82 Iji koo waadaa kee eeggachuudhaan dadhabe; anis, “Ati yoom na jajjabeessita?” nan jedha.
PSA 119:83 Qalqalloo wayinii kan aara keessa ture fakkaadhus ani ajaja kee hin irraanfadhu.
PSA 119:84 Tajaajilaan kee hamma yoomiitti obsuu qaba? Ati warra na ariʼatanitti yoom murta?
PSA 119:85 Of tuultonni warri akka seera keetiitti hin bulle, boolla naa qotaniiru.
PSA 119:86 Ajajawwan kee hundinuu amanamoo dha; namoonni sababii malee waan na ariʼataniif ati na gargaari.
PSA 119:87 Isaan lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan; ani garuu sirna kee hin dhiifne.
PSA 119:88 Ati akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari; anis seera afaan keetii baʼu nan eega.
PSA 119:89 Yaa Waaqayyo, dubbiin kee bara baraan jiraata; samii keessas jabaatee ni dhaabata.
PSA 119:90 Amanamummaan kee dhaloota hundaaf itti fufa; ati lafa hundeessite; isheenis ni jiraatti.
PSA 119:91 Sababii wanni hundinuu si tajaajiluuf, seerri kee hamma harʼaatti jiraateera.
PSA 119:92 Utuu seerri kee gammachuu naa taʼuu baatee, ani silaa rakkina kootiin badeen ture.
PSA 119:93 Sababii ati isaan na jiraachifteef, ani gonkumaa ajaja kee hin irraanfadhu.
PSA 119:94 Sababii ani kan kee taʼeef na fayyisi; anis sirna kee barbaadeera.
PSA 119:95 Hamoonni na balleessuuf na eeggachaa jiru; ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
PSA 119:96 Ani akka wanni mudaa hin qabnee hundinuu daangaa qabu argeera; ajajni kee garuu baayʼee balʼaa dha.
PSA 119:97 Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
PSA 119:98 Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif, diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
PSA 119:99 Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf, barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
PSA 119:100 Ani sababiin ajaja kee eeguuf, maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba.
PSA 119:101 Ani akkan dubbii kee eeguuf, karaa hamaa hunda irraa miilla koo adabadheera.
PSA 119:102 Waan ati mataan kee na barsiifteef, ani seera kee irraa hin fagaanne.
PSA 119:103 Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!
PSA 119:104 Ani qajeelfama kee irraa hubannaa argadheera; kanaafuu daandii sobaa hunda nan jibba.
PSA 119:105 Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; daandii kootiif immoo ifa.
PSA 119:106 Ani akkan seera kee qajeelaa sana eeguuf, kakadheera; kanas mirkaneesseera.
PSA 119:107 Ani akka malee dhiphadheen jira; yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti lubbuu koo baraari.
PSA 119:108 Yaa Waaqayyo, galata fedhiidhaan afaan kootii baʼu fudhadhu; seera kees na barsiisi.
PSA 119:109 Jireenyi koo yeroo hunda harka koo keessa jiraatu iyyuu, ani seera kee hin irraanfadhu.
PSA 119:110 Hamoonni kiyyoo naa kaaʼaniiru; ani garuu ajaja kee irraa hin jalʼanne.
PSA 119:111 Seerri kee dhaala koo kan bara baraa ti; gammachuu garaa kootiitis.
PSA 119:112 Garaan koo hamma dhumaatti ajaja kee eeguuf kutateera.
PSA 119:113 Ani nama yaada lamaa nan jibba; seera kee garuu nan jaalladha.
PSA 119:114 Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti; ani dubbii kee abdadheera.
PSA 119:115 Akka ani ajajawwan Waaqa koo eeguuf, isin warri waan hamaa hojjettan narraa fagaadhaa!
PSA 119:116 Ati akkuma waadaa keetiitti na deeggari; anis nan jiraadha; akka ani abdii kootti qaanaʼu na hin godhin.
PSA 119:117 Akka ani nagaadhaan jiraadhuuf na deeggari; yeroo hunda seera kee nan kabaja.
PSA 119:118 Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef; ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta.
PSA 119:119 Ati hamoota lafa irraa hunda akka kosiitti gatta; kanaafuu ani seera kee nan jaalladha.
PSA 119:120 Foon koo si sodaachuudhaan hollata; anis murtii kee nan sodaadha.
PSA 119:121 Ani waan qajeelaa fi tolaa hojjedheera; ati warra na hacuucanitti dabarsitee na hin kennin.
PSA 119:122 Nagaan jiraachuu tajaajilaa keetii mirkaneessi; akka of tuultonni na cunqursanis hin eeyyamin.
PSA 119:123 Iji koo fayyisuu kee eeguudhaan, waadaa kee qajeelaas eeguudhaanis dadhabeera.
PSA 119:124 Akkuma jaalala keetiitti tajaajilaa kee yaadadhu; seera kees na barsiisi.
PSA 119:125 Ani tajaajilaa kee ti; akka ani ajaja kee beekuuf hubannaa naa kenni.
PSA 119:126 Yaa Waaqayyo, kun yeroo ati itti hojjettuu dha; seerri kee cabsamaa jiraatii.
PSA 119:127 Kanaafuu ani warqee caalaa, warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha;
PSA 119:128 ani akka seerri kee hundi qajeelaa taʼe nan amana; daandii sobaa hundas nan jibba.
PSA 119:129 Sirni kee dinqisiisaa dha; kanaafuu ani isa nan eega.
PSA 119:130 Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna; wallaalotaafis hubannaa kenna.
PSA 119:131 Ani ajajawwan kee hawwuudhaan afaan koo banee nan hargana.
PSA 119:132 Ati akkuma yeroo hunda warra maqaa kee jaalataniif gootu sana, gara kootti garagalii na maari.
PSA 119:133 Akkuma dubbii keetiitti tarkaanfii miilla kootii naa qajeelchi; cubbuun tokko iyyuu narratti hin moʼin.
PSA 119:134 Akka ani ajaja kee eeguuf hacuuccaa namootaa jalaa na furi.
PSA 119:135 Akka fuulli kee tajaajilaa kee irratti ifu godhi; sirna kees na barsiisi.
PSA 119:136 Sababii namoonni seerra kee hin eegneef, iji koo imimmaan lolaasa.
PSA 119:137 Yaa Waaqayyo, ati qajeelaa dha; murtiin kees qajeelaa dha.
PSA 119:138 Seerri ati kennite qajeelaa dha; guutummaattis amanamaa dha.
PSA 119:139 Sababii diinonni koo dubbii kee dagataniif, hinaaffaan ani qabu na guggubeera.
PSA 119:140 Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera; tajaajilaan kees isa jaallata.
PSA 119:141 Xinnaadhee tuffatamu iyyuu, ani ajaja kee hin irraanfadhu.
PSA 119:142 Qajeelummaan kee bara baraan jiraata; seerri kees dhugaa dha.
PSA 119:143 Rakkinnii fi dhiphinni natti dhufeera; ajajawwan kee garuu gammachuu koo ti.
PSA 119:144 Seerri kee bara baraan qajeelaa dha; akka ani jiraadhuuf hubannaa naa kenni.
PSA 119:145 Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin waammadha; deebii naa kenni; anis sirna keetiif nan ajajama.
PSA 119:146 Ani sittin iyyadha; ati na fayyisi; seera kees nan eega.
PSA 119:147 Ani utuu lafti hin bariʼin kaʼee gargaarsaaf nan iyyadha; ani dubbii kee abdadheera.
PSA 119:148 Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf, iji koo halkan guutuu banamee bula.
PSA 119:149 Akkuma jaalala keetiitti sagalee koo dhagaʼi; Yaa Waaqayyo, akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
PSA 119:150 Warri daba mariʼatan as dhiʼoo jiru; seera kee irraa garuu fagoo jiru.
PSA 119:151 Yaa Waaqayyo, ati garuu dhiʼoo jirta; ajajawwan kee hundis dhugaa dha.
PSA 119:152 Akka ati ajajawwan kee bara baraan hundeessite, ani seera kee irraa dur baradheera.
PSA 119:153 Dhiphina koo argiitii na oolchi; ani seera kee hin daganneetii.
PSA 119:154 Dubbii koo naa falmi; na furis; akkuma waadaa keetiitti lubbuu koo baraari.
PSA 119:155 Sababii isaan sirna kee hin barbaanneef, fayyinni hamoota irraa fagaateera.
PSA 119:156 Yaa Waaqayyo, gara laafinni kee guddaa dha; akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
PSA 119:157 Diinonni koo warri na ariʼatan baayʼee dha; ani garuu seera kee irraa hin jalʼanne.
PSA 119:158 Sababii isaan dubbii keetiif hin ajajamneef, ani warra amantii hin qabne ija jibbaatiin nan ilaala.
PSA 119:159 Akkam akka ani qajeelfama kee jaalladhu mee ilaali; Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari.
PSA 119:160 Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha; seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
PSA 119:161 Bulchitoonni sababii malee na ariʼatan; garaan koo garuu dubbii kee sodaachuudhaan hollata.
PSA 119:162 Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti, dubbii keetti nan gammada.
PSA 119:163 Ani soba nan jibba; nan xireeffadhas; seera kee garuu nan jaalladha.
PSA 119:164 Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif, ani guyyaatti yeroo torba sin galateeffadha.
PSA 119:165 Warri seera kee jaallatan nagaa guddaa qabu; wanni isaan gufachiisu tokko iyyuu hin jiru.
PSA 119:166 Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan abdadha; ajaja kee duukaas nan buʼa.
PSA 119:167 Ani waanan guddaa isa jaalladhuuf, ajaja kee nan eega.
PSA 119:168 Ati karaa koo hunda waan beektuuf, ani sirna keetii fi seera kee nan eega.
PSA 119:169 Yaa Waaqayyo, iyyi koo fuula kee dura haa gaʼu; ati akkuma dubbii keetiitti hubannaa naa kenni.
PSA 119:170 Waammanni koo fuula kee dura haa gaʼu; akkuma waadaa keetiitti na baasi.
PSA 119:171 Sababii ati qajeelfama kee na barsiiftuuf, hidhiin koo galata haa dhangalaasu.
PSA 119:172 Arrabni koo dubbii kee haa faarfatu; ajajni kee hundi qajeelaadhaatii.
PSA 119:173 Waan ani sirna kee filadheef, harki kee na gargaaruuf haa qophaaʼu.
PSA 119:174 Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan hawwa; seerri kees gammachuu koo ti.
PSA 119:175 Lubbuun koo si galateeffachuuf haa jiraattu; seerri kees na haa gargaaru.
PSA 119:176 Ani akkuma hoolaa badee karaa irraa jalʼadheera. Ani ajajawwan kee hin irraanfanneetii, tajaajilaa kee barbaadi.
PSA 120:1 Faarfannaa Ol baʼuu. Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha; innis deebii naa kenna.
PSA 120:2 Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
PSA 120:3 Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama? Kana caalaas maal godhamta?
PSA 120:4 Inni xiyya loltootaa kan qarameen, barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba.
PSA 120:5 Ani waanan Meshek keessa taaʼee dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo!
PSA 120:6 Warra nagaa jibban gidduu, ani yeroo dheeraa jiraadheera.
PSA 120:7 Ani nama nagaa barbaadu dha; isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.
PSA 121:1 Faarfannaa Ol baʼuu. Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa?
PSA 121:2 Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa.
PSA 121:3 Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu;
PSA 121:4 dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus.
PSA 121:5 Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
PSA 121:6 guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu.
PSA 121:7 Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega;
PSA 121:8 Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
PSA 122:1 Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yommuu isaan, “Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa” naan jedhanitti, ani nan gammade.
PSA 122:2 Yaa Yerusaalem, miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.
PSA 122:3 Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee gobbatte tokkootti ijaaramte.
PSA 122:4 Kunis iddoo gosoonni, gosoonni Waaqayyo, akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti, maqaa Waaqayyoo galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.
PSA 122:5 Teessoowwan murtii, teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu.
PSA 122:6 Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa: “Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.
PSA 122:7 Dallaa kee keessa nagaan, masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.”
PSA 122:8 Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee, “Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
PSA 122:9 Mana Waaqayyo Waaqa keenyaatiif jedhee, ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.
PSA 123:1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa isa teessoon kee samii irra jiru, ani ija koo gara keetti ol nan qabadha.
PSA 123:2 Akkuma iji garbootaa harka gooftaa isaanii, iji garbittii immoo harka giiftii ishee ilaalu sana, hamma inni araara nuu buusutti, iji keenyas gara Waaqayyo Waaqa keenyaa ni ilaala.
PSA 123:3 Nuu araarami; yaa Waaqayyo, nuu araarami; tuffatamuun nutti baayʼateeraatii.
PSA 123:4 Arrabni warra of jajaniitii fi tuffiin warra of tuulanii nutti baayʼateera.
PSA 124:1 Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
PSA 124:2 utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
PSA 124:3 yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;
PSA 124:4 lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
PSA 124:5 bishaan hamaan nu fudhatee bada ture.
PSA 124:6 Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.
PSA 124:7 Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane.
PSA 124:8 Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.
PSA 125:1 Faarfannaa ol baʼuu. Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoon kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.
PSA 125:2 Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana, Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, saba isaa ni marsa.
PSA 125:3 Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf harka isaanii ol hin diriirfanneef, bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.
PSA 125:4 Yaa Waaqayyo, warra gaariif, warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.
PSA 125:5 Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu, Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa. Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
PSA 126:1 Faarfannaa ol baʼuu. Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti, nu akka warra abjuu abjootanii taane.
PSA 126:2 Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo faarfannaa gammachuutiin guutame. Kana irratti saboota gidduutti, “Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.
PSA 126:3 Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe; nus ni gammanne.
PSA 126:4 Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb, boojuu keenya nuu deebisi.
PSA 126:5 Warri imimmaaniin facaasan, faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.
PSA 126:6 Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.
PSA 127:1 Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon. Waaqayyo mana ijaaruu baannaan, warri ijaaran akkasumaan dadhabu. Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan, warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.
PSA 127:2 Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii, barii barraaqaan kaʼuun keessan, turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu; inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu waan isaan barbaachisu ni kennaaf.
PSA 127:3 Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti; iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
PSA 127:4 Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan, akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.
PSA 127:5 Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha. Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.
PSA 128:1 Faarfannaa Ol Baʼuu. Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
PSA 128:2 Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.
PSA 128:3 Niitiin kee mana kee keessatti, akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
PSA 128:4 Namni Waaqayyoon sodaatu akkasitti eebbifama.
PSA 128:5 Bara jireenya keetii guutuu, Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.
PSA 128:6 ijoollee ijoollee keetii ni argi; nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
PSA 129:1 Faarfannaa ol baʼuu. Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
PSA 129:2 isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne.
PSA 129:3 Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan.
PSA 129:4 Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”
PSA 129:5 Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.
PSA 129:6 Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;
PSA 129:7 namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.
PSA 129:8 Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.
PSA 130:1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;
PSA 130:2 yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi. Gurri kees sagalee waammata koo xiyyeeffatee haa dhagaʼu.
PSA 130:3 Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee, yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
PSA 130:4 Garuu dhiifamni si bira jira; kanaaf ati ni sodaatamta.
PSA 130:5 Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; dubbii isaas nan abdadha.
PSA 130:6 Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa, dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
PSA 130:7 Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu; Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne, furiin guutuunis ni jiraatii.
PSA 130:8 Inni mataan isaa cubbuu isaanii hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.
PSA 131:1 Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju; iji koos of hin tuulu; ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.
PSA 131:2 Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras; akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana, akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.
PSA 131:3 Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf, Waaqayyoon abdadhu.
PSA 132:1 Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
PSA 132:2 Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
PSA 132:3 “Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu.
PSA 132:4 Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
PSA 132:5 kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
PSA 132:6 Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne:
PSA 132:7 “Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
PSA 132:8 ‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
PSA 132:9 Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”
PSA 132:10 Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin.
PSA 132:11 Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
PSA 132:12 yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”
PSA 132:13 Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
PSA 132:14 “Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
PSA 132:15 Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
PSA 132:16 Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
PSA 132:17 “Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
PSA 132:18 Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”
PSA 133:1 Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
PSA 133:2 Kun akka zayitii gatii guddaa kan mataa irratti dhangalaafamee, akka isa areeda irra gad yaaʼuu, areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.
PSA 133:3 Innis akkuma fixeensa Hermoon, kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti. Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa, jireenyas ajajeeraatii.
PSA 134:1 Faarfannaa ol baʼuu. Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo, warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu, Waaqayyoon galateeffadhaa.
PSA 134:2 Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii Waaqayyoon galateeffadhaa.
PSA 134:3 Waaqayyo samii fi lafa uume sun Xiyoon irraa isin haa eebbisu.
PSA 135:1 Haalleluuyaa. Maqaa Waaqayyoo jajadhaa; isin garboonni Waaqayyoo isa galateeffadhaa.
PSA 135:2 Isin warri mana Waaqayyoo keessa, oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.
PSA 135:3 Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa; inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.
PSA 135:4 Waaqayyo Yaaqoobin ofii isaatiif, Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.
PSA 135:5 Ani akka Waaqayyo guddaa taʼe, akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.
PSA 135:6 Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti, galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti, waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
PSA 135:7 Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha; bokkaa wajjin balaqqee erga; gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.
PSA 135:8 Inni hangafoota Gibxi, kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.
PSA 135:9 Yaa Gibxi, inni gidduu keetti, Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.
PSA 135:10 Inni saboota baayʼee dhaʼee mootota jajjaboo ajjeese;
PSA 135:11 Sihoon mootii warra Amoorotaa, Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;
PSA 135:12 lafa isaanii dhaala godhee akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.
PSA 135:13 Yaa Waaqayyo, maqaan kee bara baraan jiraata; yaa Waaqayyo, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.
PSA 135:14 Waaqayyo saba isaatiif ni falma; tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
PSA 135:15 Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
PSA 135:16 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
PSA 135:17 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.
PSA 135:18 Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
PSA 135:19 Yaa mana Israaʼel Waaqayyoon eebbisaa; yaa mana Aroon Waaqayyoon eebbisaa;
PSA 135:20 yaa mana Lewwii Waaqayyoon eebbisaa; isin warri isa sodaattanis, Waaqayyoon eebbisaa.
PSA 135:21 Waaqayyo inni Yerusaalem keessa jiraatu sun, Xiyoon irraa haa eebbifamu. Haalleluuyaa!
PSA 136:1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii.
PSA 136:2 Waaqa waaqotaatiif galata galchaa.
PSA 136:3 Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:
PSA 136:4 inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;
PSA 136:5 inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume;
PSA 136:6 inni bishaanota irratti lafa diriirse;
PSA 136:7 inni ifa gurguddaa hojjete;
PSA 136:8 inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;
PSA 136:9 inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;
PSA 136:10 inni hangafa Gibxi dhaʼe;
PSA 136:11 inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;
PSA 136:12 harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;
PSA 136:13 inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;
PSA 136:14 inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;
PSA 136:15 Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;
PSA 136:16 inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;
PSA 136:17 inni mootota gurguddaa dhaʼe;
PSA 136:18 inni mootota jajjaboo fixe;
PSA 136:19 inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;
PSA 136:20 inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;
PSA 136:21 inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;
PSA 136:22 dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;
PSA 136:23 Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;
PSA 136:24 inni harka diinota keenyaatii nu baase,
PSA 136:25 inni uumama hundaaf soora kenna;
PSA 136:26 Waaqa samiitiif galata galchaa.
PSA 137:1 Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti, lageen Baabilon bira teenyee boonye.
PSA 137:2 Achittis kiraara keenya muka alaltuutti fannifne;
PSA 137:3 achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis, “Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!” jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.
PSA 137:4 Nu utuu biyya ormaa jirruu, akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya?
PSA 137:5 Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe, harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.
PSA 137:6 Yoo ani si yaadachuu baadhe, yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti Yerusaalemin ilaaluu baadhe, arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.
PSA 137:7 Yaa Waaqayyo, waan warri Edoom gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu; isaanis, “Ishee diigaa! Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan.
PSA 137:8 Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte, inni waan ati nu goote sanaaf, gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.
PSA 137:9 Inni daaʼimman kee qabee dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.
PSA 138:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; fuula “waaqotaa” durattis galata kee nan faarfadha.
PSA 138:2 Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef, ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee, maqaa kee nan leellisa.
PSA 138:3 Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite; irree keetiinis na jabeessite.
PSA 138:4 Yaa Waaqayyo, mootonni lafaa hundinuu, yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.
PSA 138:5 Ulfinni Waaqayyoo, guddaadhaatii, isaan waaʼee karaa Waaqayyoo haa faarfatan.
PSA 138:6 Waaqayyo yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala; nama of tuulu immoo fagootti beeka.
PSA 138:7 Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu, ati lubbuu koo ni eegda; aarii diina kootti harka kee ni diriirsita; harka kee mirgaatiinis na oolchita.
PSA 138:8 Waaqayyo kaayyoo isaa fiixaan naa baasa; yaa Waaqayyo, jaalalli kee bara baraan jiraata; hojii harka keetii hin gatin.
PSA 139:1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ati na qorteerta; na beekteertas.
PSA 139:2 Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta; yaada koos fagootti hubatta.
PSA 139:3 Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta; karaa koo hundas beekta.
PSA 139:4 Yaa Waaqayyo, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre, ati guutumaan guutuutti ni beekta.
PSA 139:5 Ati duraa fi duubaan na marsiteerta; harka kees narra keesseerta.
PSA 139:6 Beekumsi akkanaa anaaf akka malee dinqii dha; hubachuufis akka malee narraa fagoo dha.
PSA 139:7 Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa? Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa?
PSA 139:8 Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta; yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta.
PSA 139:9 Yoo ani qoochoo ganamaatiin barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe,
PSA 139:10 achittis harki kee karaa na argisiisa; harki kee mirgaas jabeessee na qaba.
PSA 139:11 Yoo ani, “Dhugumaan dukkanni na dhoksa; ifnis naannoo kootti halkan taʼa” jedhe,
PSA 139:12 dukkanni iyyuu siif dukkana hin taʼu; halkanis akkuma guyyaa ifa; dukkanni siif akkuma ifaatii.
PSA 139:13 Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
PSA 139:14 Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.
PSA 139:15 Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame, lafeen koo si duraa hin dhokanne. Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
PSA 139:16 iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge. Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin, kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
PSA 139:17 Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata! Baayʼinni isaas akkam guddaa dha!
PSA 139:18 Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee, silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata. Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.
PSA 139:19 Maaloo yaa Waaqi, ati utuu hamoota fixxee! Warri dhiiga namaa dhangalaaftan, narraa fagaadhaa!
PSA 139:20 Isaan yaada hamaadhaan waaʼee kee dubbatu; diinonni kee akkasumaan maqaa kee dhaʼu.
PSA 139:21 Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu? Warra sitti kaʼanis hin xireeffadhuu?
PSA 139:22 Ani hamma dhumaatti isaan jibbeera; akka diina koottis isaan nan heda.
PSA 139:23 Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki; qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.
PSA 139:24 Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali; karaa bara baraa irras na adeemsisi.
PSA 140:1 Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi; namoota finciltoota
PSA 140:2 warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
PSA 140:3 Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu; hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
PSA 140:4 Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi; namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
PSA 140:5 Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru; ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru; karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
PSA 140:6 Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha. Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.
PSA 140:7 Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa, ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
PSA 140:8 Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin; akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
PSA 140:9 Mataan warra na marsanii, hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
PSA 140:10 Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu; isaan ibiddatti illee haa darbataman; akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
PSA 140:11 Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin; namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
PSA 140:12 Waaqayyo rakkattootaaf falmee hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
PSA 140:13 Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata; namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.
PSA 141:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi. Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.
PSA 141:2 Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu; harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.
PSA 141:3 Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi; balbala afaan kootiis naa eegi.
PSA 141:4 Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin, hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf, gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin; akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.
PSA 141:5 Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii; inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti. Mataan koo waan kana hin didu. Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.
PSA 141:6 Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu; isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.
PSA 141:7 Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana, lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu.
PSA 141:8 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu; ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.
PSA 141:9 Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa, kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.
PSA 141:10 Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman; ani garuu nagumaan nan baʼa.
PSA 142:1 Maaskiilii Daawit Ani gara Waaqayyotti nan iyya; sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha.
PSA 142:2 Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa; dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.
PSA 142:3 Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu, situ karaa koo beeka. Namoonni daandii ani deemu irra, kiyyoo naa kaaʼaniiru.
PSA 142:4 Gara mirga koo ilaali; argis; namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru; ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu; namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.
PSA 142:5 Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha; “Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha; biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.
PSA 142:6 Ani abdii kutadheeraatii, kadhannaa koo naa dhagaʼi; warra na ariʼatan jalaa na baasi; isaan akka malee natti cimaniiruutii.
PSA 142:7 Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf, lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi. Sababii ati waan gaarii naa gooteef, qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.
PSA 143:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; gurra kees gara waammata kootiitti deebisi; amanamummaa fi qajeelummaa keetiin, na gargaari.
PSA 143:2 Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin; namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.
PSA 143:3 Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii; jireenya koos butuchee biyyootti make. Akkuma warra dur duʼaniittis dukkana keessa na jiraachiseera.
PSA 143:4 Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera; onneen koos na keessatti rifatteerti.
PSA 143:5 Ani guyyoota durii nan yaadadha; waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada; waan harki kee hojjete illee nan heda.
PSA 143:6 Harka koo gara keetti nan diriirfadha; lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.
PSA 143:7 Yaa Waaqayyo, dafii deebii naa kenni; hafuurri koo dadhabeera. Fuula kee na duraa hin dhoksin yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
PSA 143:8 Ani waanan si amanadheef, akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi. Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii, karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.
PSA 143:9 Yaa Waaqayyo, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii, diinota koo jalaa na baasi.
PSA 143:10 Ati sababii Waaqa koo taateef, akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; hafuurri kee gaariin sun karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.
PSA 143:11 Yaa Waaqayyo, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi; qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.
PSA 143:12 Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi; waan ani garbicha kee taʼeef, warra na cunqursan hunda barbadeessi.
PSA 144:1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo kattaa koo, isa harka koo waraanaaf, quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
PSA 144:2 Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti; iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti. Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu, kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.
PSA 144:3 Yaa Waaqayyo, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali? Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali?
PSA 144:4 Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti, barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.
PSA 144:5 Yaa Waaqayyo, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi; akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi.
PSA 144:6 Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi; xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi.
PSA 144:7 Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii bishaan jabaa jalaa, harka alagaa duraas, na baasi; na oolchis;
PSA 144:8 warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi.
PSA 144:9 Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha; kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa;
PSA 144:10 isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.
PSA 144:11 Harka Ormootaa duraa, warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis.
PSA 144:12 Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti, akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan; intallan keenyas akka utubaa golee, kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.
PSA 144:13 Gombisaawwan keenya, midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman. Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan; dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin haa baayʼatan;
PSA 144:14 loon keenya haa dorroban hin gatatin yookaan yeroo malee hin dhalin; boojiʼamuunis hin jiraatin; wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin.
PSA 144:15 Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan; warri Waaqayyo Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha.
PSA 145:1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.
PSA 145:2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
PSA 145:3 Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.
PSA 145:4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.
PSA 145:5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.
PSA 145:6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; anis guddina kee nan labsa.
PSA 145:7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.
PSA 145:8 Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
PSA 145:9 Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.
PSA 145:10 Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata; qulqulloonni kees si leellisu.
PSA 145:11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
PSA 145:12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
PSA 145:13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
PSA 145:14 Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba; warra gad qabaman hundas ni kaasa.
PSA 145:15 Iji nama hundaa si eeggata; atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.
PSA 145:16 Ati harka kee balʼiftee fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
PSA 145:17 Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
PSA 145:18 Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
PSA 145:19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.
PSA 145:20 Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega; jalʼoota hunda garuu ni balleessa.
PSA 145:21 Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata. Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.
PSA 146:1 Haalleluuyaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.
PSA 146:2 Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha; ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.
PSA 146:3 Abdii keessan bulchitoota irra, namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.
PSA 146:4 Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu; guyyuma sanas karoorri isaanii bada.
PSA 146:5 Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.
PSA 146:6 Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti; inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.
PSA 146:7 Inni warra cunqurfamaniif ni mura; warra beelaʼaniif nyaata kenna. Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;
PSA 146:8 Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna; Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba; Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.
PSA 146:9 Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa; karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.
PSA 146:10 Waaqayyo bara baraan ni moʼa; Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa. Haalleluuyaa.
PSA 147:1 Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!
PSA 147:2 Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.
PSA 147:3 Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.
PSA 147:4 Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
PSA 147:5 Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu.
PSA 147:6 Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata.
PSA 147:7 Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.
PSA 147:8 Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha.
PSA 147:9 Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.
PSA 147:10 Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;
PSA 147:11 Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
PSA 147:12 Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.
PSA 147:13 Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa.
PSA 147:14 Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.
PSA 147:15 Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata.
PSA 147:16 Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa.
PSA 147:17 Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
PSA 147:18 Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.
PSA 147:19 Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.
PSA 147:20 Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa.
PSA 148:1 Haalleluuyaa. Samiiwwan irraa Waaqayyoon galateeffadhaa; ol gubbaatti isa galateeffadhaa.
PSA 148:2 Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa; raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.
PSA 148:3 Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa; urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.
PSA 148:4 Samiiwwan samii isa galateeffadhaa; bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa.
PSA 148:5 Isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.
PSA 148:6 Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera; seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.
PSA 148:7 Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi, lafa irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;
PSA 148:8 bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi, bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,
PSA 148:9 tulluuwwanii fi gaarran hundinuu, mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,
PSA 148:10 bineensonnii fi loon hundinuu, uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,
PSA 148:11 mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu, ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,
PSA 148:12 dargaggoonnii fi shamarran, jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.
PSA 148:13 Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii, isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.
PSA 148:14 Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera; kunis qulqulloota isaa hundaaf, saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.
PSA 149:1 Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.
PSA 149:2 Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.
PSA 149:3 Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.
PSA 149:4 Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii; warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.
PSA 149:5 Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
PSA 149:6 Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;
PSA 149:7 kunis sabootatti haaloo baʼuu fi namoota adabuudhaaf;
PSA 149:8 mootota isaanii foncaan, hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
PSA 149:9 murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.
PSA 150:1 Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.
PSA 150:2 Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.
PSA 150:3 Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;
PSA 150:4 dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.
PSA 150:5 Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.
PSA 150:6 Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.
PRO 1:1 Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:
PRO 1:2 Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf, dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;
PRO 1:3 ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan, murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;
PRO 1:4 warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf, dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,
PRO 1:5 ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan; warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;
PRO 1:6 kunis fakkeenyaa fi hiikkaa, jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.
PRO 1:7 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
PRO 1:8 Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
PRO 1:9 Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo, morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
PRO 1:10 Yaa ilma ko, yoo cubbamoonni sossobanii ofitti si harkisan, tole hin jedhiniif.
PRO 1:11 Yoo isaan, “Nu wajjin kottu; riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa; nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis dhokannee eeggannaa;
PRO 1:12 kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa; akkuma warra boolla keessa buufamaniis guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa;
PRO 1:13 nu waan gatii qabu kan gosa hundaa ni arganna; manneen keenya illee boojuudhaan guuttanna;
PRO 1:14 ixaa kee nu wajjin buufadhu; nus korojoo tokko si wajjin qooddannaa” siin jedhan,
PRO 1:15 yaa ilma ko, ati isaan wajjin hin deemin; miilla keetiin karaa isaanii irra illee hin ejjetin;
PRO 1:16 miilli isaanii cubbuutti ariifataatii; isaan dhiiga dhangalaasuuf jarjaru.
PRO 1:17 Utuma simbirroonni hundi arganuu, kiyyoo buusuun waan gatii hin qabnee dha!
PRO 1:18 Namoonni kunneen dhiiguma ofii isaanii riphanii eeggatu; lubbuma ofii isaanii gaadu!
PRO 1:19 Kun dhuma warra qabeenya karaa hamaadhaan argamu duukaa buʼan hundaa ti; wanni akkasii jireenya warra isa argatanii balleessa.
PRO 1:20 Ogummaan karaa irratti guddiftee iyyiti; iddoo wal gaʼii uummataattis sagalee ishee ol fudhatti.
PRO 1:21 Isheen fiixee daandii irraa iyyiti; karra magaalaa duraas akkana jettee dubbatti:
PRO 1:22 “Isin warri homaa hin beekne kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu? Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii gowwoonnis beekumsa jibbu?
PRO 1:23 Mormii koo qalbeeffadhaa; ani yaada koo isinii nan dhangalaasa; dubbii koos isiniifin ibsa.
PRO 1:24 Garuu sababii isin yeroo ani isin waametti diddanii yeroo ani harka balʼifadhetti namni tokko iyyuu na hin dhaggeeffatiniif,
PRO 1:25 waan isin gorsa koo hunda tuffattanii dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif,
PRO 1:26 anis badiisa keessanitti nan kolfa, yeroo balaan isinitti dhufuttis nan qoosa;
PRO 1:27 yeroo balaan akkuma bubbeetti isin fudhatutti, yeroo badiisni akkuma bubbee hamaatti isin haxaaʼutti, yeroo dhiphinaa fi rakkinni isinitti dhufutti ani isinittan qoosa.
PRO 1:28 “Yeroo sana isaan na waammatu; ani garuu isaan jalaa hin owwaadhu; isaan na barbaadu; garuu na hin argatan.
PRO 1:29 Isaan waan beekumsa jibbanii Waaqayyoon sodaachuu illee filachuu didaniif,
PRO 1:30 waan gorsa koo fudhachuu didanii dheekkamsa koos tuffataniif,
PRO 1:31 isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu; buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu.
PRO 1:32 Gowwoota waa dagachuutu isaan balleessaatii; quufni gowwootaa isaanuma balleessa;
PRO 1:33 namni na dhaggeeffatu kam iyyuu garuu nagaadhaan jiraata; inni qabbanaan jiraata; wanni hamaanis isa hin sodaachisu.”
PRO 2:1 Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee ajaja koos of keessatti kuufatte,
PRO 2:2 yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee yaada kee hubannaatti deebifatte,
PRO 2:3 yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
PRO 2:4 yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
PRO 2:5 ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta; Waaqa beekuus ni argatta.
PRO 2:6 Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii; afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
PRO 2:7 Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa; warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
PRO 2:8 inni daandii tolootaa ni eega; karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa.
PRO 2:9 Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa, nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.
PRO 2:10 Ogummaan garaa kee seena; beekumsis lubbuu kee gammachiisa.
PRO 2:11 Qalbeeffannaan si eega; hubannaanis si tiksa.
PRO 2:12 Ogummaan karaa hamootaa irraa, namoota daba dubbatan jalaas si baraara;
PRO 2:13 warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii daandii qajeelaa dhiisan,
PRO 2:14 warra waan hamaa hojjechuutti gammadan, warra jalʼina hojjechuun itti tolu,
PRO 2:15 warra daandiin isaanii jalʼate, warra karaan isaanii dabe jalaa si baraara.
PRO 2:16 Ogummaatu dubartii ganda labee, niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara;
PRO 2:17 niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.
PRO 2:18 Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii.
PRO 2:19 Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu yookaan karaa jireenyaa hin argatu.
PRO 2:20 Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta; daandii qajeeltotaa irraas hin jalʼattu.
PRO 2:21 Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii; warri mudaa hin qabnes achi keessa jiraatu;
PRO 2:22 hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu; warri hin amanamnes ishee keessaa buqqifamu.
PRO 3:1 Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin; ajaja koos garaatti qabadhu;
PRO 3:2 isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa, nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
PRO 3:3 Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
PRO 3:4 Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
PRO 3:5 Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
PRO 3:6 karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
PRO 3:7 Ani ogeessa ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
PRO 3:8 Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna; lafee kee illee ni haaromsa.
PRO 3:9 Qabeenya keetiin, mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji;
PRO 3:10 yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama; iddoon cuunfaa wayinii keetiis daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa.
PRO 3:11 Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin; dheekkamsa isaas hin jibbin.
PRO 3:12 Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti warra jaallatu ni adabaatii.
PRO 3:13 Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
PRO 3:14 ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
PRO 3:15 Gatiin ishee gatii lula diimaa caala; wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu.
PRO 3:16 Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira; badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru.
PRO 3:17 Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha; daandiin ishee hundis nagaa dha.
PRO 3:18 Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti; warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu.
PRO 3:19 Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse; hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
PRO 3:20 beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman; duumessoonnis fixeensa coccobsan.
PRO 3:21 Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu; isaanis fuula kee duraa hin dhabamin;
PRO 3:22 isaan jireenya siif taʼu; morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu.
PRO 3:23 Yoos ati karaa kee nagumaan deemta; miilli kees hin gufatu;
PRO 3:24 ati yoo raftu hin sodaattu; hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa.
PRO 3:25 Balaa akkuma tasaa sitti dhufu yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin;
PRO 3:26 Waaqayyo irkoo siif taʼaatii; akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
PRO 3:27 Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti, warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.
PRO 3:28 Utuu amma waa qabduu, ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu; ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.
PRO 3:29 Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee waan hamaa itti hin yaadin.
PRO 3:30 Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin akkasumaan hin miidhin.
PRO 3:31 Nama dabaatti hin hinaafin; yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
PRO 3:32 Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii; nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.
PRO 3:33 Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa; inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa.
PRO 3:34 Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.
PRO 3:35 Ogeeyyiin ulfina dhaalu; gowwoota garuu inni ni qaanessa.
PRO 4:1 Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.
PRO 4:2 Ani barumsa gaarii isinii nan kenna; kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.
PRO 4:3 Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti, yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,
PRO 4:4 inni akkana jedhee na barsiise; “Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu; seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.
PRO 4:5 Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu; dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.
PRO 4:6 Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii; ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.
PRO 4:7 Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.
PRO 4:8 Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii; isa hammadhu; innis si kabajaatii.
PRO 4:9 Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi; gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.”
PRO 4:10 Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu; barri jireenya keetiis ni baayʼataa.
PRO 4:11 Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha; daandii qajeelaa irras sin buusa.
PRO 4:12 Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu; yoo fiigdu illee ati hin gufattu.
PRO 4:13 Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin; waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.
PRO 4:14 Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.
PRO 4:15 Irraa fagaadhu; irras hin deemin; irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.
PRO 4:16 Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii; isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.
PRO 4:17 Isaan buddeena hamminaa nyaatu; daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.
PRO 4:18 Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.
PRO 4:19 Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.
PRO 4:20 Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; dubbii kootiifis gurra kenni.
PRO 4:21 Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu;
PRO 4:22 inni warra isa argatuuf jireenya, dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.
PRO 4:23 Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
PRO 4:24 Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.
PRO 4:25 Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.
PRO 4:26 Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu.
PRO 4:27 Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; miilla kee hammina irraa eeggadhu.
PRO 5:1 Yaa ilma ko, ogummaa koo qalbeeffadhu; hubannaa kootiif illee gurra kenni;
PRO 5:2 kunis akka ati hubannaa turfattee arrabni kees beekumsa kuufattuuf.
PRO 5:3 Hidhiin ejjituu damma coccobsa; haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
PRO 5:4 dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti; akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
PRO 5:5 Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa; tarkaanfiin ishee awwaalatti nama geessa.
PRO 5:6 Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu; daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
PRO 5:7 Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa.
PRO 5:8 Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa; balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
PRO 5:9 kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif, umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
PRO 5:10 akkasumas qabeenya kee ormatu nyaata; dadhabbiin kees mana alagaa badhaasa.
PRO 5:11 Dhuma jireenya keetiitti, yeroo foonii fi dhagni kee dhumutti ati ni aadda.
PRO 5:12 Atis akkana jetta; “Ani akkamittin adabamuu jibbee! Garaan koos akkam sirreeffamuu tuffate!
PRO 5:13 Ani barsiistota kootiif hin ajajamne yookaan qajeelchitoota koo hin dhaggeeffanne.
PRO 5:14 Ani waldaa guutuu gidduutti qarqara badiisaa gaʼeen ture.”
PRO 5:15 Eela kee keessaa bishaan, boolla bishaanii kee keessaa immoo bishaan qulqulluu dhugi.
PRO 5:16 Burqaan kee guutee daandii irra, bishaan kee kan yaaʼus oobdii keessa dhangalaʼuu qabaa?
PRO 5:17 Isaan kan kee haa taʼan; ormi si wajjin qooddachuu hin qabu.
PRO 5:18 Burqaan kee haa eebbifamu; niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.
PRO 5:19 Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
PRO 5:20 Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta? Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?
PRO 5:21 Karaan namaa guutumaan guutuutti fuula Waaqayyoo dura jiraatii; innis daandii namaa hunda ni toʼata.
PRO 5:22 Balleessaan nama hamaa isuma qabaata; funyoon cubbuu isaa jabeessee isa qaba.
PRO 5:23 Inni sababii adabamuu dhabeef duʼa; guddinni gowwummaa isaas karaa irraa isa balleessa.
PRO 6:1 Yaa ilma ko, ati yoo ollaa keetiif wabii taatee harka dhooftee nama ormaatiif kakatte,
PRO 6:2 yoo waanuma dubbatteen qabamtee dubbuma afaan keetiitiin kiyyoo seente,
PRO 6:3 yoos yaa ilma ko, ati sababii harka ollaa keetii seentee jirtuuf ati of baasuudhaaf dafii dhaqiitii gad of qabii jabeessiitii ollaa kee kadhadhu!
PRO 6:4 Ija keetiif hirriba, baallee ija keetiitiif immoo mugaatii hin eeyyamin.
PRO 6:5 Ati akkuma kuruphee harka adamsituutii baatuutti, akkuma simbirroo kiyyoo nama ishee qabuu jalaa baatuutti of oolchi.
PRO 6:6 Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi; karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi!
PRO 6:7 Inni ajajaa hin qabu; toʼataa yookaan bulchaa hin qabu;
PRO 6:8 taʼu illee inni bona keessa nyaata isaa kuufata; yeroo midhaan galfamutti immoo nyaata isaa walitti qabata.
PRO 6:9 Yaa dhibaaʼaa nana, ati hamma yoomiitti ciifta? Ati yoomi hirriba keetii kaata?
PRO 6:10 Hirriba xinnaa, mugaatii xinnaa, xinnoo harka walitti marachuu,
PRO 6:11 hiyyummaanis akkuma hattuutti sitti dhufa; deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
PRO 6:12 Namni rakkisaan, namni hamaan, dubbii sobaatiin asii fi achi naannaʼa;
PRO 6:13 inni ijaan dhaʼa; miilla isaatiinis mallattoo kenna; quba isaatiin argisiisa;
PRO 6:14 inni garaa isaa isa sobaadhaan hammina yaada; yeroo hundas lola kakaasa.
PRO 6:15 Kanaafuu badiisni yommusuma isatti dhufa; inni akkuma tasaa caba; deebiʼees hin fayyu.
PRO 6:16 Waaqayyo waan jaʼa jibba; waan torba immoo ni xireeffata; isaanis:
PRO 6:17 Ija of tuulu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
PRO 6:18 garaa mala hamaa malu, miilla gara jalʼinaatti ariifatu,
PRO 6:19 dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu, nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.
PRO 6:20 Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
PRO 6:21 Bara baraan garaa keetti qabadhu; morma keettis hidhadhu.
PRO 6:22 Yeroo ati deemtu isaan si qajeelchu; yeroo ati raftu si eegu; yeroo ati hirribaa kaatu illee si haasofsiisu.
PRO 6:23 Ajajni kun ibsaadhaatii; barsiisni kunis ifa; sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;
PRO 6:24 isaan dubartii hamtuu irraa, niitii kashlabbee afaan dammaa irraa si eegu.
PRO 6:25 Garaa kee keessatti bareedina ishee hin dharraʼin; yookaan akka isheen ija isheetiin si boojitu hin godhin.
PRO 6:26 Sagaagaltuun buddeena tokkoon bitamtiitii; ejjituunis jireenyuma kee adamsiti.
PRO 6:27 Namni bobaa jalatti ibidda baadhatee wayyaan isaa hin gubanne jiraa?
PRO 6:28 Namni ibidda cilee irra ejjetee miilli isaa hin gubanne jiraa?
PRO 6:29 Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa; namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.
PRO 6:30 Yoo hattuun tokko beela baʼuuf jedhee hate, namoonni hin tuffatan.
PRO 6:31 Garuu inni yoo qabame dachaa torba baasa; miʼa mana isaa hundas ni kenna.
PRO 6:32 Namni sagaagalu qalbii hin qabu; namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
PRO 6:33 Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha; qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu.
PRO 6:34 Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii; inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu.
PRO 6:35 Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu; hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida.
PRO 7:1 Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii ajaja koos of keessatti kuufadhu.
PRO 7:2 Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii; barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi.
PRO 7:3 Quba keetti isaan hidhadhu; gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.
PRO 7:4 Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi; hubannaa immoo, fira koo jedhii waami;
PRO 7:5 isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin nama harkiftu irraa si eegu.
PRO 7:6 Ani foddaa mana koo biraa keessaan, karaa qaawwaatiin ala ilaale.
PRO 7:7 Ani warra homaa hin dandeenye keessatti, dargaggoota keessatti hubadhee dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge.
PRO 7:8 Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture.
PRO 7:9 Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti, yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture.
PRO 7:10 Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.
PRO 7:11 Isheen iyyituu fi kashlabbee dha; miilli ishee mana hin dhaabatu;
PRO 7:12 takka daandii irratti, takka oobdii irratti, golee hundatti riphxee nama eeggatti.
PRO 7:13 Isheen qabdee isa dhungatti; fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin:
PRO 7:14 “Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba; harʼa wareega koo guuttadheera.
PRO 7:15 Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe; ani barbaadee si argadheera!
PRO 7:16 Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen, siree koo afee miidhagseera.
PRO 7:17 Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan siree koo urgeesseera.
PRO 7:18 Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa; kottu jaalalaan of gammachiifnaa!
PRO 7:19 Dhirsi koo mana hin jiru; inni karaa dheeraa deemeera.
PRO 7:20 Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme; hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.”
PRO 7:21 Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte; haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte.
PRO 7:22 Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti, akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe;
PRO 7:23 akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti, inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku.
PRO 7:24 Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus qalbeeffadhaa.
PRO 7:25 Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin; karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin.
PRO 7:26 Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha; namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru.
PRO 7:27 Manni ishee karaa qileetti nama geessu, kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha.
PRO 8:1 Ogummaan hin iyyuu? Hubannaanis sagalee isaa ol hin fudhatuu?
PRO 8:2 Isheen qarqara karaa, lafa ol kaʼaa irra, iddoo daandiin itti wal gaʼu dhaabatti;
PRO 8:3 karra magaalaatti nama galchu bira, balbala dura dhaabattee akkana jettee iyyiti:
PRO 8:4 “Yaa namoota, ani iyyeen isin waama; ani ilmaan namaa hundatti sagalee koo ol nan fudhadha.
PRO 8:5 Isin warri homaa hin beekne, qalbii horadhaa; isin warri gowwaan hubannaa argadhaa.
PRO 8:6 Ani waan faayidaa qabu nan dubbadhaatii, dhagaʼaa; waan qajeelaa dubbachuufis afaan koo nan banadha.
PRO 8:7 Afaan koo dhugaa dubbata; arrabni koo hammina jibbaatii.
PRO 8:8 Dubbiin afaan koo hundinuu qajeelaa dha; dubbii koo keessaa tokko iyyuu jalʼaa yookaan micciiramaa miti.
PRO 8:9 Nama waa hubatuuf dubbiin koo hundinuu qajeelaa dha; warra beekumsa qabuufis hirʼina hin qabu.
PRO 8:10 Qooda meetii gorsa koo, warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu;
PRO 8:11 ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii; wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu.
PRO 8:12 “Ani ogummaan, qalbii wajjin nan jiraadha; ani beekumsaa fi hubannaa qaba.
PRO 8:13 Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
PRO 8:14 Gorsaa fi murtiin dhugaa kan koo ti; ani hubannaa fi humna qaba.
PRO 8:15 Mootonni anaan moʼu; bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu.
PRO 8:16 Ilmaan moototaa anaan bulchu; namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu.
PRO 8:17 Ani warra na jaallatan nan jaalladha; warri na barbaadanis na argatu.
PRO 8:18 Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru.
PRO 8:19 Iji koo warqee qulqulluu caala; buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala.
PRO 8:20 Ani karaa qajeelummaa irra, daandii qajeelaa irras nan deema;
PRO 8:21 warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa; mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta.
PRO 8:22 “Waaqayyo waan bara durii hojjeteen dura, hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate;
PRO 8:23 ani utuu addunyaan hin uumamin dura, jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame.
PRO 8:24 Ani utuu tuujubni hin jiraatin, utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe;
PRO 8:25 utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura, ani gaarraniin dura nan dhaladhe;
PRO 8:26 utuu inni lafa yookaan dirree ishee yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu hin uumin dura nan dhaladhe.
PRO 8:27 Yeroo inni samiiwwan hundeessetti, yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture;
PRO 8:28 yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture;
PRO 8:29 yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee, galaanaaf daangaa dhaabetti, yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture.
PRO 8:30 Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture. Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa, guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture;
PRO 8:31 ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa, ilmaan namaatti illee gammadaan ture.
PRO 8:32 “Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; warri karaa koo eegan eebbifamoo dha.
PRO 8:33 Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa; isa hin tuffatinaa.
PRO 8:34 Namni na dhagaʼu, kan guyyaa hunda balbala koo eegu, kan karra koo dura turu eebbifamaa dha.
PRO 8:35 Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata; Waaqayyo biratti illee fudhatama argata.
PRO 8:36 Namni na hin arganne garuu ofuma miidha; namni na jibbu hundinuu duʼa jaallata.”
PRO 9:1 Ogummaan mana ishee ijaarratte; utubaa ishee torbanis dhagaa irraa qopheeffate.
PRO 9:2 Isheen horii qalattee daadhii wayinii ishee bulbulatte; maaddii ishee illee qopheeffatte.
PRO 9:3 Tajaajiltoota ishee dubarran ergattee fiixee magaalaa irraa lallabde.
PRO 9:4 Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti; “Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!
PRO 9:5 Kottaatii nyaata koo nyaadhaa; daadhii wayinii ani bulbuladhe illee dhugaa.
PRO 9:6 Karaa gowwummaa keessanii sana dhiisaatii jiraadhaa; karaa hubannaa irra deemaa.
PRO 9:7 “Namni nama namatti qoosu gorsu kam iyyuu ni arrabsama; namni nama hamaa ifatu kam iyyuu ni salphata.
PRO 9:8 Ati nama namatti qoosu hin ifatin; inni si jibbaatii; nama ogeessa ifadhu; inni si jaallataatii.
PRO 9:9 Nama ogeessa gorsi; inni ittuma caalchisee ogeessa taʼaa; nama qajeelaaf barumsa kenni; inni beekumsa isaatti dabalaatii.
PRO 9:10 “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
PRO 9:11 Karaa kootiin barii jireenya keetii ni dheerata; jireenya kee irrattis waggoonni ni dabalamuutii.
PRO 9:12 Yoo ati nama ogeessa taate, ogummaan kee si badhaasa; yoo ati kan namatti qoostu taate suma qofatu gidirama.”
PRO 9:13 Dubartiin gowwaan oduu baayʼifti; isheen raatuu homaa hin beeknee dha.
PRO 9:14 Isheen balbala mana ishee dura, fiixee magaalaa gubbaa barcuma irra teessee
PRO 9:15 warra achiin darban, kanneen qajeelanii daandii isaanii irra deeman waamti.
PRO 9:16 Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti. “Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!
PRO 9:17 Bishaan hatan ni miʼaawa; nyaanni dhoksaan nyaatanis guddoo namatti tola!”
PRO 9:18 Isaan garuu akka warri duʼan achi jiran, akka keessumoonni ishee dhidhima awwaalaa keessa jiran illee xinnuma beeku.
PRO 10:1 Fakkeenyawwan Solomoon: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
PRO 10:2 Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
PRO 10:3 Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu; hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.
PRO 10:4 Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.
PRO 10:5 Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha.
PRO 10:6 Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
PRO 10:7 Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa; maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.
PRO 10:8 Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
PRO 10:9 Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
PRO 10:10 Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
PRO 10:11 Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
PRO 10:12 Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
PRO 10:13 Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti; uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.
PRO 10:14 Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu; afaan gowwaa garuu badiisa waama.
PRO 10:15 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.
PRO 10:16 Mindaan qajeeltotaa jireenya; galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.
PRO 10:17 Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema; namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
PRO 10:18 Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu, kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.
PRO 10:19 Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
PRO 10:20 Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.
PRO 10:21 Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.
PRO 10:22 Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa; inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
PRO 10:23 Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata; namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.
PRO 10:24 Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa; hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.
PRO 10:25 Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu; qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.
PRO 10:26 Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.
PRO 10:27 Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa; umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
PRO 10:28 Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa; wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.
PRO 10:29 Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha; nama jalʼaaf garuu badiisa.
PRO 10:30 Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman; hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.
PRO 10:31 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
PRO 10:32 Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata; afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.
PRO 11:1 Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
PRO 11:2 Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
PRO 11:3 Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
PRO 11:4 Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
PRO 11:5 Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf; hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.
PRO 11:6 Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.
PRO 11:7 Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada; wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
PRO 11:8 Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama; rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.
PRO 11:9 Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa; namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.
PRO 11:10 Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada; yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.
PRO 11:11 Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata; afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.
PRO 11:12 Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata; kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.
PRO 11:13 Namni odeessu dhoksaa gad baasa; kan amanamu garuu icciitii eega.
PRO 11:14 Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
PRO 11:15 Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata; namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata.
PRO 11:16 Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti; namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.
PRO 11:17 Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.
PRO 11:18 Namni hamaan mindaa sobaa argata; kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
PRO 11:19 Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata; kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.
PRO 11:20 Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa; warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.
PRO 11:21 Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu; qajeeltonni garuu bilisa baʼu.
PRO 11:22 Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.
PRO 11:23 Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf; abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
PRO 11:24 Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.
PRO 11:25 Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
PRO 11:26 Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara; kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.
PRO 11:27 Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata; hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.
PRO 11:28 Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
PRO 11:29 Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala; gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
PRO 11:30 Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti; namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
PRO 11:31 Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!
PRO 12:1 Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata; kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.
PRO 12:2 Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata; Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura.
PRO 12:3 Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu; qajeelaan garuu hin buqqifamu.
PRO 12:4 Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
PRO 12:5 Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha; gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.
PRO 12:6 Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf riphee nama eeggata; haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.
PRO 12:7 Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman; manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.
PRO 12:8 Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama; namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.
PRO 12:9 Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko, nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.
PRO 12:10 Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada; hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.
PRO 12:11 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.
PRO 12:12 Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu; hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.
PRO 12:13 Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama; namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.
PRO 12:14 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama; hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.
PRO 12:15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.
PRO 12:16 Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama; namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.
PRO 12:17 Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna; dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.
PRO 12:18 Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana; arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.
PRO 12:19 Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.
PRO 12:20 Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira; warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.
PRO 12:21 Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu; hamoonni rakkinaan guutamu.
PRO 12:22 Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
PRO 12:23 Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata; gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.
PRO 12:24 Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.
PRO 12:25 Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.
PRO 12:26 Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa; karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.
PRO 12:27 Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.
PRO 12:28 Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira; daandii sana irra duuti hin jiru.
PRO 13:1 Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa; qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.
PRO 13:2 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada; namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata.
PRO 13:3 Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.
PRO 13:4 Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.
PRO 13:5 Namni qajeelaan soba jibba; namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida.
PRO 13:6 Qajeelummaatu nama tolaa tiksa; hamminni garuu cubbamaa galaafata.
PRO 13:7 Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu; tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba.
PRO 13:8 Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu.
PRO 13:9 Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa; ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.
PRO 13:10 Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.
PRO 13:11 Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.
PRO 13:12 Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa; hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.
PRO 13:13 Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida; kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata.
PRO 13:14 Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
PRO 13:15 Hubannaan gaariin surraa argamsiisa; karaan warra hin amanamnee garuu badiisatti isaan geessa.
PRO 13:16 Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta; gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa.
PRO 13:17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena; ergamaan amanamaan garuu fayyina fida.
PRO 13:18 Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas; kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.
PRO 13:19 Hawwiin guutame namatti miʼaawa; gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu.
PRO 13:20 Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, michuun gowwootaa garuu ni miidhama.
PRO 13:21 Wanni hamaan cubbamoota ariʼata; badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.
PRO 13:22 Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa; qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.
PRO 13:23 Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.
PRO 13:24 Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.
PRO 13:25 Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata; garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.
PRO 14:1 Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
PRO 14:2 Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
PRO 14:3 Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida; arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.
PRO 14:4 Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa; garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.
PRO 14:5 Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.
PRO 14:6 Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu; nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.
PRO 14:7 Ati nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.
PRO 14:8 Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha; gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.
PRO 14:9 Gowwoonni cubbuutti qoosu; qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.
PRO 14:10 Garaan gadda ofii isaa ni beeka; namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.
PRO 14:11 Manni nama hamaa ni bada; dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.
PRO 14:12 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
PRO 14:13 Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa; gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.
PRO 14:14 Namni hin amanamne gatii karaa isaa, namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.
PRO 14:15 Namni homaa hin beekne waan hunda amana; namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.
PRO 14:16 Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa; gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.
PRO 14:17 Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta; namni daba hojjetu garuu ni jibbama.
PRO 14:18 Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala; qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.
PRO 14:19 Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti, jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.
PRO 14:20 Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.
PRO 14:21 Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.
PRO 14:22 Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu? Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu.
PRO 14:23 Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.
PRO 14:24 Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti; gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.
PRO 14:25 Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.
PRO 14:26 Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba; ijoolleen isaas daʼoo argatu.
PRO 14:27 Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
PRO 14:28 Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti; yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.
PRO 14:29 Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba; kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.
PRO 14:30 Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna; hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
PRO 14:31 Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.
PRO 14:32 Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu; qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.
PRO 14:33 Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti; garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.
PRO 14:34 Qajeelummaan saba ol guddisa; cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.
PRO 14:35 Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada; kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.
PRO 15:1 Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
PRO 15:2 Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja; afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.
PRO 15:3 Iji Waaqayyoo idduma hunda jira; nama hamaa fi gaariis ni toʼata.
PRO 15:4 Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
PRO 15:5 Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata; namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
PRO 15:6 Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.
PRO 15:7 Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa; garaan nama gowwaa garuu akkas miti.
PRO 15:8 Waaqayyo aarsaa hamootaa ni balfa; kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa.
PRO 15:9 Waaqayyo karaa hamootaa ni balfa; warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.
PRO 15:10 Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata; kan sirreeffama jibbu ni duʼa.
PRO 15:11 Duʼaa fi Badiisni fuula Waaqayyoo duratti beekamoo dha; yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree!
PRO 15:12 Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu; nama ogeessaanis hin mariʼatu.
PRO 15:13 Garaan gammadu akka fuulli ifu godha; gaddi garaa garuu hafuura cabsa.
PRO 15:14 Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada; afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.
PRO 15:15 Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha; garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.
PRO 15:16 Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa, Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
PRO 15:17 Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa, jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.
PRO 15:18 Namni dafee aaru lola kakaasa; namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.
PRO 15:19 Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama; daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.
PRO 15:20 Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
PRO 15:21 Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa; namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.
PRO 15:22 Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
PRO 15:23 Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
PRO 15:24 Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef gara jireenyaatti ol isa baasa.
PRO 15:25 Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
PRO 15:26 Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa; yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.
PRO 15:27 Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.
PRO 15:28 Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada; afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.
PRO 15:29 Waaqayyo nama hamaa irraa fagoo jira; kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.
PRO 15:30 Fuulli ifaan garaa gammachiisa; oduun gaariinis lafee haaromsa.
PRO 15:31 Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu, ogeeyyii gidduu jiraata.
PRO 15:32 Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata; kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
PRO 15:33 Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa; gad of qabuunis ulfina dura dhufa.
PRO 16:1 Karoorri garaa kan namaa ti; deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.
PRO 16:2 Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata; yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
PRO 16:3 Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa.
PRO 16:4 Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta; hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.
PRO 16:5 Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
PRO 16:6 Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
PRO 16:7 Yoo karaan namaa Waaqayyoon gammachiise, inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha.
PRO 16:8 Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
PRO 16:9 Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
PRO 16:10 Hidhiin mootii hooda dubbata; afaan isaa illee murtii hin jalʼisu.
PRO 16:11 Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti; ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti.
PRO 16:12 Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu.
PRO 16:13 Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.
PRO 16:14 Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti; namni ogeessi garuu ni qabbaneessa.
PRO 16:15 Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira; surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
PRO 16:16 Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!
PRO 16:17 Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha; namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata.
PRO 16:18 Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
PRO 16:19 Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
PRO 16:20 Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa; kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.
PRO 16:21 Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama; dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala.
PRO 16:22 Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti; gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida.
PRO 16:23 Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; afaan isaas gorsa dabala.
PRO 16:24 Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
PRO 16:25 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
PRO 16:26 Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima.
PRO 16:27 Namni faayidaa hin qabne hammina malata; haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti.
PRO 16:28 Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
PRO 16:29 Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee karaa jalʼaatti isa geessa.
PRO 16:30 Namni ija qisu jalʼina karoorfata; kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida.
PRO 16:31 Arriin gonfoo ulfinaa ti; innis karaa qajeelaadhaan argama.
PRO 16:32 Goota waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
PRO 16:33 Ixaan gudeeda irratti buufama; murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.
PRO 17:1 Mana nyaataa dhugaatiin guutame kan lola qabuu mannaa, iddoo nagaan jirutti hurraaʼaa buddeena goggogaa wayya.
PRO 17:2 Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha; obboloota gidduuttis dhaala qooddata.
PRO 17:3 Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef; Waaqayyo garuu garaa namaa qora.
PRO 17:4 Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata; sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna.
PRO 17:5 Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata; kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu.
PRO 17:6 Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha; haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
PRO 17:7 Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu; hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree!
PRO 17:8 Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti; inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa.
PRO 17:9 Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa; namni waan tokko irra deddeebiʼu, garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.
PRO 17:10 Hamma gowwaan yeroo dhibba garafamee itti dhagaʼamu caalaa ifannaan nama waa hubatutti dhagaʼama.
PRO 17:11 Namni hamaan fincila qofa barbaada; ergamaan namaa hin naane isatti ni ergama.
PRO 17:12 Gowwaa gowwummaa isa keessa jiruun walitti dhufuu mannaa amaaketa dhaltuu ilmaan ishee jalaa fudhatamaniin walitti dhufuu wayya.
PRO 17:13 Nama qooda gaarii hamaa deebisu, hamminni mana isaa keessaa hin baʼu.
PRO 17:14 Lola jalqabuun akkuma bishaan cabsanii yaasuu ti; kanaafuu utuu lolli hin hoʼin dubbii dhiisi.
PRO 17:15 Waaqayyo waan kana lachuu ni balfa; kunis nama yakka qabu qulqulluu gochuu fi nama balleessaa hin qabnetti muruu dha.
PRO 17:16 Sababii inni ogummaa argachuuf fedhii hin qabneef, maallaqni harka gowwaa jiru faayidaa maalii qaba?
PRO 17:17 Michuun yeroo hunda nama jaallata; obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
PRO 17:18 Namni qalbii hin qabne harka dhaʼee waa namaaf kakata; fuula ollaa ofii isaa durattis wabii taʼa.
PRO 17:19 Namni lola jaallatu cubbuu jaallata; namni karra ol dheeraa ijaarus badiisa waama.
PRO 17:20 Namni yaada hamaa qabu hin milkaaʼu; kan arrabni isaa nama gowwoomsus rakkoo keessa seena.
PRO 17:21 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; abbaan ilma gowwaas hin gammadu.
PRO 17:22 Garaan gammadu qoricha gaarii dha; hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
PRO 17:23 Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata.
PRO 17:24 Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata; iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora.
PRO 17:25 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; haadha isa deessettis jireenya hadheessa.
PRO 17:26 Nama balleessaa hin qabne tokko adabuun gaarii miti; qondaaltota amanamoo rukutuunis sirrii miti.
PRO 17:27 Namni beekaan of qusachaa dubbata; namni hubataanis hafuura qabanaaʼaa qaba.
PRO 17:28 Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata; yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.
PRO 18:1 Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma.
PRO 18:2 Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
PRO 18:3 Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa.
PRO 18:4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
PRO 18:5 Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
PRO 18:6 Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama.
PRO 18:7 Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
PRO 18:8 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
PRO 18:9 Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti.
PRO 18:10 Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
PRO 18:11 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
PRO 18:12 Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
PRO 18:13 Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha.
PRO 18:14 Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
PRO 18:15 Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada.
PRO 18:16 Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.
PRO 18:17 Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata.
PRO 18:18 Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.
PRO 18:19 Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.
PRO 18:20 Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta.
PRO 18:21 Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
PRO 18:22 Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
PRO 18:23 Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.
PRO 18:24 Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.
PRO 19:1 Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.
PRO 19:2 Namni beekumsa hin qabne gaarii miti; miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.
PRO 19:3 Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa; garaan isaa immoo Waaqayyotti aara.
PRO 19:4 Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.
PRO 19:5 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.
PRO 19:6 Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.
PRO 19:7 Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu isaan eessattuu hin argaman.
PRO 19:8 Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.
PRO 19:9 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessus ni bada.
PRO 19:10 Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree?
PRO 19:11 Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.
PRO 19:12 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.
PRO 19:13 Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; niitiin nyakkiftunis akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.
PRO 19:14 Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.
PRO 19:15 Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.
PRO 19:16 Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata; kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.
PRO 19:17 Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.
PRO 19:18 Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.
PRO 19:19 Namni dafee aaru adabamuu qaba; ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.
PRO 19:20 Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata.
PRO 19:21 Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.
PRO 19:22 Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
PRO 19:23 Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa; yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu.
PRO 19:24 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaattis hin deebifatu!
PRO 19:25 Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa; nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.
PRO 19:26 Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, ilma qaanii fi salphina fiduu dha.
PRO 19:27 Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi; ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.
PRO 19:28 Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata; afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.
PRO 19:29 Qoostotaaf adabbii, dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.
PRO 20:1 Daadhiin wayinii nama qoostuu, dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha; namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.
PRO 20:2 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti; namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.
PRO 20:3 Lola irraa fagaachuun ulfina; gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.
PRO 20:4 Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee homaa hin argatu.
PRO 20:5 Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti; hubataan namaa garuu ni waraabbata.
PRO 20:6 Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata; nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?
PRO 20:7 Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
PRO 20:8 Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti, waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.
PRO 20:9 Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera; ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa?
PRO 20:10 Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa lamaanuu Waaqayyo ni balfa.
PRO 20:11 Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.
PRO 20:12 Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lachanuu Waaqayyotu uume.
PRO 20:13 Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.
PRO 20:14 Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti; wanni kun gaarii miti!” jedha; ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona.
PRO 20:15 Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira; arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti.
PRO 20:16 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
PRO 20:17 Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta.
PRO 20:18 Gorsaan karoora baafadhu; qajeelfama ogummaatiin waraana bani.
PRO 20:19 Hamattuun icciitii baafti; kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.
PRO 20:20 Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare, ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
PRO 20:21 Dhaalli jalqabumatti dafee argame dhumni isaa eebba hin qabaatu.
PRO 20:22 Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin; Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.
PRO 20:23 Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu.
PRO 20:24 Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama. Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?
PRO 20:25 Namni utuu itti hin yaadin, “Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
PRO 20:26 Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa; geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa.
PRO 20:27 Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa; inni keessa namaa illee isumaan qora.
PRO 20:28 Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu; teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama.
PRO 20:29 Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti; arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.
PRO 20:30 Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa; garaffiin immoo keessa namaa geeddara.
PRO 21:1 Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka Waaqayyoo keessa jira; innis garuma fedhetti qajeelcha.
PRO 21:2 Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata; Waaqayyo garuu yaada namaa madaala.
PRO 21:3 Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
PRO 21:4 Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa kan hin qotaminii dha; innis cubbuu dhala.
PRO 21:5 Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; namni ariifatu garuu ni hiyyooma.
PRO 21:6 Qabeenyi arraba sobuun argamu, urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti.
PRO 21:7 Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif, fincilli hamootaa isaanuma balleessa.
PRO 21:8 Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha; amalli nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.
PRO 21:9 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
PRO 21:10 Namni hamaan jalʼina dharraʼa; ollaan isaa gara laafina tokko iyyuu isa irraa hin argatu.
PRO 21:11 Yeroo namni qoosu tokko adabamutti, wallaalaan ogummaa argata; namni ogeessi yeroo gorfamutti beekumsa argata.
PRO 21:12 Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala; hamootas ni balleessa.
PRO 21:13 Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, innis ni iyya; deebiis hin argatu.
PRO 21:14 Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa; mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis dheekkamsa guddaa gab godha.
PRO 21:15 Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna; hamootatti immoo raafama fida.
PRO 21:16 Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu waldaa warra duʼaniitti dabalama.
PRO 21:17 Namni qananii jaallatu ni deega; kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu.
PRO 21:18 Namni hamaan nama qajeelaadhaaf, kan hin amanamne immoo nama tolaadhaaf furii taʼa.
PRO 21:19 Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa, gammoojjii keessa jiraachuu wayya.
PRO 21:20 Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira; gowwaan garuu waan qabu hunda nyaatee fixa.
PRO 21:21 Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu, jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
PRO 21:22 Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee daʼoo jabaa inni amanatu jalaa diiga.
PRO 21:23 Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega.
PRO 21:24 Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;” inni akka malee koora.
PRO 21:25 Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef, hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida.
PRO 21:26 Inni guyyaa guutuu kajeela; namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.
PRO 21:27 Aarsaan nama hamaa balfamaa dha; yoos yoo inni yaada hamaadhaan dhiʼeesse hammam sana caalaa haa balfamu ree!
PRO 21:28 Dhuga baatuun sobaa ni bada; namni isa dhagaʼu kam iyyuus bara baraan bada.
PRO 21:29 Namni hamaan ija jabaata; namni tolaan garuu karaa isaa qajeelfata.
PRO 21:30 Ogummaan, hubannaanii fi karoorri Waaqayyoon mormee milkaaʼuu hin jiru.
PRO 21:31 Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama; moʼichi garuu kan Waaqayyoo ti.
PRO 22:1 Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; kabajamuunis meetii fi warqee caala.
PRO 22:2 Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.
PRO 22:3 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
PRO 22:4 Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
PRO 22:5 Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira; namni lubbuu isaa eeggatu garuu waan kana irraa fagaatee jiraata.
PRO 22:6 Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
PRO 22:7 Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.
PRO 22:8 Namni hammina facaasu rakkina haammata; uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.
PRO 22:9 Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.
PRO 22:10 Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.
PRO 22:11 Nama qulqullina garaa jaallatuu fi dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.
PRO 22:12 Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala; inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.
PRO 22:13 Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha.
PRO 22:14 Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa.
PRO 22:15 Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.
PRO 22:16 Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.
PRO 22:17 Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu; yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu;
PRO 22:18 yoo ati qalbiitti qabattee hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte wanni kun nama gammachiisaatii.
PRO 22:19 Akka abdiin kee Waaqayyo taʼuuf ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa.
PRO 22:20 Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi beekumsaa siif hin barreessinee?
PRO 22:21 Kanas ani akka ati warra si erganiif deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii?
PRO 22:22 Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin;
PRO 22:23 Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.
PRO 22:24 Nama dafee aaru michuu hin godhatin; nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin;
PRO 22:25 yoo kana goote karaa isaa baratta; ofii kees kiyyootti galchita.
PRO 22:26 Nama harka dhaʼee waadaa galu yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin;
PRO 22:27 yoo ati waan baaftu dhabde, sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.
PRO 22:28 Dhagaa daarii durii, kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin.
PRO 22:29 Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? Inni fuula moototaa dura dhaabata; fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.
PRO 23:1 Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti, waan fuula kee dura jiru hubadhuu ilaali;
PRO 23:2 ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte, qoonqoo kee irra billaa kaaʼi.
PRO 23:3 Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf, miʼaa isaatti hin gaggabin.
PRO 23:4 Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin; of qabuufis ogummaa qabaadhu.
PRO 23:5 Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada; inni dhugumaan Baallee baafatee akkuma risaa gara samiitti ol barrisaatii.
PRO 23:6 Buddeena doqnaa hin nyaatin; cidha isaas hin kajeelin;
PRO 23:7 inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii. Inni, “Nyaadhuu dhugi” siin jedha; garaan isaa garuu si wajjin hin jiru.
PRO 23:8 Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda; dubbii kee gaarii sana illee ni dhabda.
PRO 23:9 Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf ati nama gowwaatti hin dubbatin.
PRO 23:10 Dhagaa daangaa durii hin dhiibin yookaan lafa qotiisaa ijoollee abbaa hin qabneetti hin darbin.
PRO 23:11 Furiin isaanii jabaadhaatii; inni gara isaanii goree sitti falma.
PRO 23:12 Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoo gara dubbii beekumsaatti deebifadhu.
PRO 23:13 Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin; yoo ati arcummeedhaan adabde isaan hin duʼan.
PRO 23:14 Arcummeedhaan isaan adabiitii lubbuu isaanii duʼa oolchi.
PRO 23:15 Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe, garaan koo ni gammada;
PRO 23:16 yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate, keessi koo baayʼee gammada.
PRO 23:17 Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin; garuu yeroo hunda Waaqayyoon sodaadhu.
PRO 23:18 Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
PRO 23:19 Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi; qalbii kee daandii qajeelaa irra buufadhu.
PRO 23:20 Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti yookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin;
PRO 23:21 machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu; hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa.
PRO 23:22 Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi; haadha kees yeroo isheen jaartu hin tuffatin.
PRO 23:23 Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin; ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu.
PRO 23:24 Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba; namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.
PRO 23:25 Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan; isheen si deesse sun haa ililchitu!
PRO 23:26 Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni; iji kees karaa koo haa ilaalu;
PRO 23:27 sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii, niitiin ganda labeenis boolla bishaanii dhiphaa dha.
PRO 23:28 Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti; namoota gidduuttis warra hin amanamne baayʼifti.
PRO 23:29 Eenyutu, “Anaaf wayyoo!” jedha? Eenyutu gadda qaba? Eenyutu lola qaba? Eenyutu komii qaba? Eenyutu sababii malee madaaʼa? Kan iji isaa diimatu eenyu?
PRO 23:30 Warra daadhii wayinii dhuguu irra akka malee turan, warra daadhii wayinii walmakaa afaaniin qabuu dhaqanii dha.
PRO 23:31 Yeroo inni diimatutti, yeroo inni billillee keessa ol xixinniqutti, yeroo inni suuta jedhee gad buʼutti daadhii wayinii ija itti qabdee hin ilaalin.
PRO 23:32 Dhuma irratti akkuma bofaa nama idda; akkuma buutiis nama ciniina.
PRO 23:33 Iji kee waan haaraa arga; qalbiin kees jalʼina yaada.
PRO 23:34 Ati akkuma nama walakkaa galaana guddaa ciisuu ti; akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisuu taata.
PRO 23:35 Ati akkana jetta; “Isaan na dhaʼan; ani garuu hin miidhamne! Isaan na tuman; garuu natti hin dhagaʼamne! Ani dhugaatii biraa barbaaddachuuf yooman dammaqa?”
PRO 24:1 Hamootatti hin hinaafin; garee isaanii taʼuus hin hawwin;
PRO 24:2 garaan isaanii hammina malataatii; hidhiin isaaniis rakkina odeessa.
PRO 24:3 Manni ogummaadhaan ijaarama; hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama;
PRO 24:4 kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi miidhagaadhaan guutamu.
PRO 24:5 Ogeessi humna guddaa qaba; beekaan namaa immoo jabina itti dabalata;
PRO 24:6 waraana banuuf qajeelfama, moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.
PRO 24:7 Gowwaa irraa ogummaan akka malee ol fagoo dha; inni karra duratti afaan isaa hin saaqqatu.
PRO 24:8 Namni hammina malu, “Maltee” jedhama.
PRO 24:9 Malli gowwummaa cubbuu dha; namoonnis qoostuu ni balfu.
PRO 24:10 Ati yoo gaafa rakkinaa laafte, jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha!
PRO 24:11 Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi.
PRO 24:12 Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?
PRO 24:13 Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu; nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa.
PRO 24:14 Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki; ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda; abdiin kees hin citu.
PRO 24:15 Akka nama seeraan hin bulleetti mana nama qajeelaa riphxee hin eeggatin; mana jireenya isaas hin saamin.
PRO 24:16 Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii; namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata.
PRO 24:17 Yeroo diinni kee kufutti hin ililchin; yeroo inni gufatuttis garaan kee hin gammadin;
PRO 24:18 yoo kanaa achii Waaqayyo waan kanatti ni gaddaatii; dheekkamsa isaas isa irraa deebisa.
PRO 24:19 Ati sababii jalʼootaatiif aariidhaan hin gubatin; hamootattis hin hinaafin.
PRO 24:20 Namni jalʼaan fuul duratti abdii hin qabuutii; ibsaan hamootaas ni dhaama.
PRO 24:21 Yaa ilma ko, Waaqayyoo fi mootii sodaadhu; finciltootattis hin makamin;
PRO 24:22 badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii; balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka?
PRO 24:23 Kunneenis jechoota ogeessaa ti: Murtii kennuu irratti nama wal caalchisuun gaarii miti:
PRO 24:24 Kan nama yakka qabuun, “Ati balleessaa hin qabdu” jedhu kam iyyuu namni isa abaara; sabnis isa balaaleffata.
PRO 24:25 Warri nama yakka hojjetu ifatan garuu ni gammadu; eebbi guddaanis ni dhufaaf.
PRO 24:26 Deebiin qajeelaan, akkuma hidhii dhungachuu ti.
PRO 24:27 Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii lafa qotiisaa kees qopheeffadhu; ergasii mana kee ijaarradhu.
PRO 24:28 Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin.
PRO 24:29 Ati, “Waanuma inni na godhe anis isa nan godha; waan inni hojjeteefis gatii isaa nan deebisa” hin jedhin.
PRO 24:30 Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee, iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe;
PRO 24:31 qoraattiin lafa hunda guuteera; laftis aramaadhaan fudhatameera; dallaan dhagaas diigameera.
PRO 24:32 Ani argeen waan sana qalbeeffadhe; waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe:
PRO 24:33 hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa; xinnoo harka walitti marachuu;
PRO 24:34 hiyyummaanis akkuma hattuutti, deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
PRO 25:1 Fakkeenyawwan kunneen fakkeenyawwan Solomoon kanneen namoonni Hisqiyaas, mooticha Yihuudaa garagalchanii dha:
PRO 25:2 Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti; waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti.
PRO 25:3 Akkuma samiiwwan ol dheeratanii laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu.
PRO 25:4 Meetii irraa xurii baasi; ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa.
PRO 25:5 Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi; ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata.
PRO 25:6 Fuula mootii duratti ol of hin qabin; iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin;
PRO 25:7 inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra, yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa. Ati waan ija keetiin argite,
PRO 25:8 daftee mana murtiitti hin fidin; yoo ollaan kee si qaanesse, dhuma irratti ati maal gochuu dandeessa?
PRO 25:9 Dhimma kee ollaa kee wajjin falmadhu; iccitii nama kaanii immoo hin baasin;
PRO 25:10 yoo kanaa achii namni waan sana dhagaʼee si qaanessa; maqaan hamaan siif kenname sunis sirraa hin baʼu.
PRO 25:11 Dubbiin yeroo isaatti dubbatame, akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.
PRO 25:12 Ifanni nama ogeessaa gurra dhaggeeffatuuf, lootii warqee yookaan faaya warqee qulqulluu ti.
PRO 25:13 Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti; inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii.
PRO 25:14 Namni kennaa namaaf hin kennineen boonu tokko akkuma duumessaa fi bubbee bokkaa hin qabnee ti.
PRO 25:15 Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama; dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.
PRO 25:16 Damma yoo argatte hamma si gaʼu nyaadhu; yoo baayʼiftee nyaatte ni diddigda.
PRO 25:17 Mana ollaa keetii dhaquu hin baayʼisin; yoo ati miilla itti baayʼifte inni si jibba.
PRO 25:18 Namni sobaan ollaa isaatti dhugaa baʼu, akkuma bokkuu yookaan goraadee yookaan xiyya qara qabuu ti.
PRO 25:19 Nama hin amanamne tokko yeroo rakkootti abdachuun akkuma ilkaan cabee yookaan miilla okkoluu ti.
PRO 25:20 Nama garaan isaa gaddeef sirba sirbuun akkuma nama guyyaa dhaamochaa wayyaa of irraa baasuu, yookaan madaa irratti dhangaggaaʼaa dhangalaasuu ti.
PRO 25:21 Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.
PRO 25:22 Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta; Waaqayyos si badhaasa.
PRO 25:23 Akkuma bubbeen kaabaa bokkaa fidu, arrabni hamatus fuula dheekkamu fida.
PRO 25:24 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
PRO 25:25 Oduun gaariin biyya fagootii dhufu, akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu dheebotteef taʼuu ti.
PRO 25:26 Namni qajeelaan fuula hamootaa duratti kufu, akkuma burqaa dhoqqaaʼee yookaan boolla bishaanii faalame tokkoo ti.
PRO 25:27 Damma baayʼee nyaachuun gaarii miti; ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti.
PRO 25:28 Namni of hin qabne, akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.
PRO 26:1 Akkuma cabbii yeroo bonaa yookaan bokkaa yeroo haamaa, nama gowwaaf ulfinni hin malu.
PRO 26:2 Akkuma simbirri barriftu yookaan daaloteen barriftu abaarsi sababii malee dhufu nama irra hin buʼu.
PRO 26:3 Alangaan fardaaf, luugamni harreef, uleen immoo dugda gowwaatiif mala!
PRO 26:4 Gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti hin deebisin; yoo akkas goote ati mataan kee iyyuu akkuma isaa taata.
PRO 26:5 Gowwaadhaaf deebii gowwummaa isaatiif malu kenni; yoo kanaa achii inni ogeessa of seʼaa.
PRO 26:6 Harka nama gowwaatti ergaa ergachuun, akkuma miilla ofii irraa muruu yookaan summii dhuguu ti.
PRO 26:7 Afaan nama gowwaa keessatti, fakkeenyi akkuma miilla naafaa ti.
PRO 26:8 Namni gowwaadhaaf ulfina kennu, akkuma nama furrisaatti dhagaa guduunfuu ti.
PRO 26:9 Fakkeenyi afaan gowwaa keessatti akkuma qoraattii harka nama machaaʼee keessaa ti.
PRO 26:10 Namni gowwaa yookaan kara deemaa qaxaratu akkuma adamsaa nama hunda xiyyaan madeessuu ti.
PRO 26:11 Akkuma sareen diddiga isheetti deebitu sana, gowwaan gowwummaa isaa irra deddeebiʼa.
PRO 26:12 Ati nama akka ilaalcha ofii isaatti ogeessa taʼe argitaa? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
PRO 26:13 Dhibaaʼaan, “Leenci karaa irra jira; leenci sodaachisaan daandii irra jira!” jedha.
PRO 26:14 Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu, dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala
PRO 26:15 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaatti deebifachuuf ni dhibaaʼa.
PRO 26:16 Dhibaaʼaan namoota hubannaadhaan deebii kennan torba caalaa ogeessa of seʼa.
PRO 26:17 Namni lola nama biraa keessa seenu, akkuma nama harkaan gurra saree qabuu ti.
PRO 26:18 Akkuma maraatuu ibidda yookaan xiyya namatti gad dhiisu tokkoo
PRO 26:19 namni, “Ani nan qoose!” jedhee ollaa isaa gowwoomsus akkasuma.
PRO 26:20 Ibiddi yoo qoraan dhabe ni dhaama; hamiin yoo hin jiraanne, lolli ni qabbanaaʼa.
PRO 26:21 Akkuma cileen barbadaa ibiddaa bobeessee qoraan ibidda qabsiisu sana namni lola jaallatu lola kakaasa.
PRO 26:22 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
PRO 26:23 Dubbiin gaariin garaa hamaa keessaa baʼu akkuma okkotee meetiin irra dibamee ti.
PRO 26:24 Namni maqaa namaa balleessu tokko arrabuma ofiitiin nama tolaa of fakkeessa; garaa isaa keessatti immoo gowwoomsaa guduunfata.
PRO 26:25 Yoo dubbiin isaa sitti miʼaawe iyyuu isa hin amanin; wanni jibbisiisaan torba garaa isaa guuteeraatii.
PRO 26:26 Jalʼinni isaa sobaan haguugamee dhokfamuu dandaʼa; hamminni isaa garuu fuula waldaa duratti ifatti baʼa.
PRO 26:27 Namni boolla qotu boolla keessa buʼa; nama dhagaa gangalchus, dhagaan sun isumatti deebiʼa.
PRO 26:28 Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba; afaan saadu tokkos badiisa fida.
PRO 27:1 Ati waaʼee boriitiin hin boonin; waan guyyaan fidu hin beektuutii.
PRO 27:2 Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin; namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin.
PRO 27:3 Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha; tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata.
PRO 27:4 Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa; hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
PRO 27:5 Jaalala dhokfamee mannaa ifannaa ifatti baʼe wayya.
PRO 27:6 Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha; dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.
PRO 27:7 Namni quufe damma illee ni balfa; kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa.
PRO 27:8 Namni mana isaatii badu tokko, akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti.
PRO 27:9 Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu; gorsi michuus garaa nama ciibsa.
PRO 27:10 Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin; yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.
PRO 27:11 Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi; ergasii ani nama na tuffatu hundaaf deebii kennuu nan dandaʼa.
PRO 27:12 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
PRO 27:13 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
PRO 27:14 Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee ollaa isaa yoo eebbise wanni sun akka abaarsaatti fudhatama.
PRO 27:15 Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa dhimmisaa ooluu ti;
PRO 27:16 ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti yookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti.
PRO 27:17 Akkuma sibiilli sibiila qaru, namni tokko nama kaan qara.
PRO 27:18 Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata; namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata.
PRO 27:19 Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.
PRO 27:20 Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan; iji namaas akkasuma.
PRO 27:21 Okkoteen waa itti baqsan meetiif; boolli ibiddaa immoo warqeef; namni immoo ulfina argatuun qorama.
PRO 27:22 Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu, akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu, ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu.
PRO 27:23 Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki; loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni;
PRO 27:24 soorumni bara baraan itti hin fufuutii; gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu.
PRO 27:25 Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee margi tulluu irraa walitti qabamutti,
PRO 27:26 xobbaallaawwaniin daara baata; reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu.
PRO 27:27 Ati ofii keetii fi maatii kee, xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf aannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta.
PRO 28:1 Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata; qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu.
PRO 28:2 Biyya fincilu keessa bulchitoota hedduutu jira; bulchaan hubataanii fi beekaan garuu seera eegsisa.
PRO 28:3 Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti.
PRO 28:4 Warri seera didan hamoota jaju; warri seera eegan garuu isaaniin mormu.
PRO 28:5 Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan; warri Waaqayyoon barbaadan immoo guutumaan guutuutti hubatu.
PRO 28:6 Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
PRO 28:7 Namni seera eegu ilma ogeessa; michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.
PRO 28:8 Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu, nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba.
PRO 28:9 Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu, kadhannaan isaa balfamaa dha.
PRO 28:10 Namni nama tolaa karaa jalʼaa irra adeemsisu kam iyyuu kiyyoo ofii isaa keessa seena; namni balleessaa hin qabne garuu dhaala gaarii argata.
PRO 28:11 Namni sooressi ogeessa of seʼa; hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa.
PRO 28:12 Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa; yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu namoonni ni dhokatu.
PRO 28:13 Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
PRO 28:14 Namni yeroo hunda Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha; kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
PRO 28:15 Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu, akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti.
PRO 28:16 Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu; kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata.
PRO 28:17 Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru, boollatti baqata; namni tokko iyyuu isa hin gargaarin.
PRO 28:18 Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa.
PRO 28:19 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyumaan guutama.
PRO 28:20 Namni amanamaan eebba quufa; kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu.
PRO 28:21 Nama wal caalchisuun gaarii miti; namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta.
PRO 28:22 Namni waa kajeelu sooromuuf jarjara; inni akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.
PRO 28:23 Namni nama ifatu dhuma irratti nama arrabaan nama saadu caalaa surraa argata.
PRO 28:24 Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee, “Kun balleessaa miti” jedhu garee nama waa balleessuu ti.
PRO 28:25 Namni wayitti gaggabu lola kakaasa; kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha.
PRO 28:26 Namni of amanatu gowwaa dha; kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata.
PRO 28:27 Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.
PRO 28:28 Yeroo namni hamaan aangoo qabatutti namoonni ni dhokatu; yeroo namni hamaan badutti garuu qajeeltonni ni baayʼatu.
PRO 29:1 Namni ifannaa baayʼee booddee mataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus.
PRO 29:2 Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha; yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma.
PRO 29:3 Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa; miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.
PRO 29:4 Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa; kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.
PRO 29:5 Namni ollaa isaa jaju, miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa.
PRO 29:6 Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama; qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas.
PRO 29:7 Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata; namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.
PRO 29:8 Qoostonni magaalaa jeequ; ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.
PRO 29:9 Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe, gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu.
PRO 29:10 Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu; nama tolaas ajjeesuu barbaadu.
PRO 29:11 Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna; ogeessi garuu of qaba.
PRO 29:12 Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate, qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.
PRO 29:13 Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu: Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna.
PRO 29:14 Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan hiyyeeyyiif murtii kenne, teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.
PRO 29:15 Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumatti gad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
PRO 29:16 Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata; qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu.
PRO 29:17 Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna; lubbuu kees ni gammachiisa.
PRO 29:18 Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa; namni seera eegu garuu eebbifamaa dha.
PRO 29:19 Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu; inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii.
PRO 29:20 Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
PRO 29:21 Nama garbicha ofii isaa ijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu, galgalli isaa rakkina.
PRO 29:22 Namni aaru lola kakaasa; kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.
PRO 29:23 Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa; namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
PRO 29:24 Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba; inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu.
PRO 29:25 Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa; kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.
PRO 29:26 Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; murtiin qajeelaan garuu Waaqayyo biraa dhufa.
PRO 29:27 Qajeelaan sobduu xireeffata; hamaan immoo nama tolaa jibba.
PRO 30:1 Jecha Aguur ilma Yaaqee. Dubbiin nama kanaa akkana jedhee Iitiiʼeeliitti dubbatame: “Innis Iitiiʼeeliittii fi Ukaalitti dubbate:
PRO 30:2 Ani dhugumaan doofaa nama hundaa gadii ti; ani hubannaa namni qabu hin qabu.
PRO 30:3 Ani ogummaa hin baranne yookaan beekumsa Isa Qulqulluu sanaa hin qabu.
PRO 30:4 Eenyutu samiitti ol baʼee deebiʼee dhufe? Kan harki isaa bubbee walitti qabe eenyu? Namni bishaan uffataan mare eenyu? Kan daarii lafaa hunda jabeessee dhaabe eenyu? Maqaan isaatii fi maqaan ilma isaa eenyu? Mee yoo beekte natti himi!
PRO 30:5 “Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
PRO 30:6 Dubbii isaatti homaa hin dabalin; yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.
PRO 30:7 “Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha; isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin.
PRO 30:8 Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni.
PRO 30:9 Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa.
PRO 30:10 “Garbicha tokko gooftaa isaa biratti hin hamatin, yoo kanaa achii inni si abaaraa; atis waan kanatti ni gaafatamta.
PRO 30:11 “Dhaloota abbaa isaa abaaru kan haadha isaa illee hin eebbifnetu jira;
PRO 30:12 dhaloota qulqulluu of seʼu, kan xurii isaa irraa hin qulqulleeffamintu jiru;
PRO 30:13 dhaloota iji isaa akka malee of tuulu, kan baalleen ija isaas nama tuffatutu jira;
PRO 30:14 dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf ilkaan isaa goraadee, haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira.
PRO 30:15 “Dhulaandhulli intallan, ‘Kenni! Kenni!’ jedhanii iyyan lama qabdi. “Wantoota gonkumaa hin quufne sadiitu jira; kanneen gonkumaa, ‘Nu gaʼe!’ hin jenne immoo afurtu jira:
PRO 30:16 isaanis Siiʼool, gadameessa maseene, lafa gonkumaa bishaan hin quufnee fi ibidda gonkumaa, ‘Na gaʼe!’ hin jennee dha.
PRO 30:17 “Ija abbaatti qoosu, kan ajaja haadhaa tuffatu arraagessa sululaatiin baafama; joobiraanis ni nyaatama.
PRO 30:18 “Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira; afur immoo ani hin hubadhu; kunis:
PRO 30:19 Karaan risaa samii irra, karaan bofaa kattaa irra, karaan doonii galaana guddaa irra, karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti.
PRO 30:20 “Karaan ejjituu kana: Isheen waa nyaattee afaan haqatti; ergasii immoo, ‘Ani homaa hin balleessine’ jetti.
PRO 30:21 “Lafti waan sadii jalatti hollatti; afur immoo baachuu hin dandeessu; kunis:
PRO 30:22 Garbicha mootii taʼu, gowwaa nyaatee quufu,
PRO 30:23 dubartiin jibbamte yeroo dhirsa argattu, garbittii giiftii ishee dhaaltu.
PRO 30:24 “Wantoonni xixinnoon afur lafa irra jiru; taʼu illee isaan akka malee ogeeyyii dha; isaanis:
PRO 30:25 Goondaawwan tuuta jabina hin qabnee dha; taʼus isaan yeroo bonaa nyaata isaanii walitti qaban;
PRO 30:26 osoleewwan uumamawwan humna hin qabnee dha; garuu kattaa keessa jiraatu;
PRO 30:27 hawwaannisni mootii hin qabu; garuu tarree galee yaaʼa;
PRO 30:28 loccuun harkaan qabamuu dandeessi; garuu masaraa mootii keessatti argamti.
PRO 30:29 “Wantoota deemsa tolan sadiitu jira; kanneen tarkaanfii bareedanis afurtu jira; isaanis:
PRO 30:30 Leenca bineensa hunda keessaa jabaa, kan waan tokko illee sodaatee duubatti hin deebine;
PRO 30:31 korma indaanqoo kan kooraa deemu, korbeessa reʼeetii fi, mootii loltoota isaa dura deemu.
PRO 30:32 “Ati yoo of jajuudhaan gowwoomte, yookaan yoo hammina malatte, harka kee afaan kee irra kaaʼadhu!
PRO 30:33 Akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu, funyaan micciiruunis dhiiga baasu sana, aarii kakaasuun lola fida.”
PRO 31:1 Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte:
PRO 31:2 “Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko, maali yaa ilma wareega ko,
PRO 31:3 humna kee dubartoota irratti, jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
PRO 31:4 “Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu; daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu; dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu;
PRO 31:5 kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
PRO 31:6 Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa, warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni;
PRO 31:7 isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan; rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin.
PRO 31:8 “Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi.
PRO 31:9 Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”
PRO 31:10 Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa? Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
PRO 31:11 Dhirsi ishee guddisee ishee amanata; inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
PRO 31:12 Isheen bara jireenya ishee guutuu waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
PRO 31:13 Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
PRO 31:14 Isheen akkuma doonii daldalaatti lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
PRO 31:15 Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee maatii isheetiif nyaata kenniti; xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
PRO 31:16 Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti; waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
PRO 31:17 Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
PRO 31:18 Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti; ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
PRO 31:19 Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira; quba isheetiin immoo calii qabatti.
PRO 31:20 Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti; dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
PRO 31:21 Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu; isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii.
PRO 31:22 Isheen wayyaa siree dhaʼatti; uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti.
PRO 31:23 Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura, jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama.
PRO 31:24 Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti; daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.
PRO 31:25 Isheen jabinaa fi ulfina uffatti; bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.
PRO 31:26 Afaan ishee ogummaadhaan banatti; gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
PRO 31:27 Isheen mana ishee toʼatti; isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.
PRO 31:28 Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun; dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
PRO 31:29 “Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu; ati garuu isaan hunda caalta.”
PRO 31:30 Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba; dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
PRO 31:31 Buʼaa harka ishee kennaafii; hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.
ECC 1:1 Dubbii lallabaa ilma Daawit, isa Yerusaalem keessaatti mootii taʼe sanaa:
ECC 1:2 Lallabichi, “Faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Guutumaan guutuutti faayidaa hin qabu! Wanni hundinuu faayidaa hin qabu” jedha.
ECC 1:3 Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata?
ECC 1:4 Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba; lafti garuu bara baraan jiraatti.
ECC 1:5 Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi; gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti.
ECC 1:6 Bubbeen gara kibbaatti bubbisa; gara kaabaattis ni deebiʼa; innis naannaʼuma naannaʼee deema; karaa isaa irras deddeebiʼa.
ECC 1:7 Lagni hundi galaanatti yaaʼa; galaanni garuu hin guutu. Lageen garuma dhufanitti deebiʼanii yaaʼu.
ECC 1:8 Wanni hundinuu hamma namni tokko dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha. Iji argee hin quufu; yookaan gurri dhagaʼee hin guutu.
ECC 1:9 Wanni duraan ture ammas ni taʼa; wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama; aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
ECC 1:10 Wanni namni tokko, “Ilaa! Wanni kun haaraa dha” jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa? Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture; bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.
ECC 1:11 Namoonni bara durii hin yaadataman; kanneen dhufuuf jiranis warra isaan duubaan dhufaniin hin yaadataman.
ECC 1:12 Ani Lallabaan, Yerusaalem keessatti mootii Israaʼelin ture.
ECC 1:13 Ani waan samii gaditti hojjetame hunda ogummaadhaan quʼadhee qoradhee bira gaʼuuf of kenneen ture. Waaqni baʼaa ulfaataa akkamii nama irra kaaʼe!
ECC 1:14 Ani waan aduudhaa gaditti hojjetame hunda argeera; hundi isaanii iyyuu faayidaa hin qaban; kun akkuma nama bubbee ariʼuu ti.
ECC 1:15 Wanni jalʼifame tokko deebiʼee hin qajeelfamu; wanni hin jirres lakkaaʼamuu hin dandaʼu.
ECC 1:16 Anis akkana jedheen yaade; “Kunoo, ani nama anaan dura Yerusaalemin bulchaa ture kam iyyuu caalaa guddadhee ogummaas dabaladheera; ani muuxannoo ogummaatii fi beekumsaa guddaa argadheera.”
ECC 1:17 Kanaafuu ani ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuufin of kenne; garuu ani akka wanni kunis bubbee ariʼuu taʼe nan baradhe.
ECC 1:18 Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii; akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama.
ECC 2:1 Ani garaa koo keessatti, “Ani waan gaarii barbaaduudhaaf gammachuudhaan sin qoraatii mee kottu” jedheen yaade. Garuu wanni kunis waan faayidaa hin qabne taʼuu isaa nan mirkaneeffadhe.
ECC 2:2 Anis, “Kolfi gowwummaa dha; gammachuunis maal fayyada?” nan jedhe.
ECC 2:3 Anis utuma qalbiin koo ogummaadhaan na qajeelchaa jiruu gowwummaa qabadhee daadhii wayiniitiin of gammachiisu nan yaale. Waan namoonni bara jireenya isaanii muraasa keessatti samii gaditti hojjetan arguu nan fedhe.
ECC 2:4 Ani hojii guddaa nan hojjedhe: Manneen ijaarradhee wayiniis dhaabadhe.
ECC 2:5 Ani iddoo biqiltuutii fi iddoo bashannanaa qopheeffadhee mukkeen ija naqatan kanneen gosa hundaa achi keessa nan dhaabadhe.
ECC 2:6 Bosona mukkeen guddachaa jiranii ittiin obaafachuufis kuusaa bishaanii nan qopheeffadhe.
ECC 2:7 Ani garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe; garboota mana kootti dhalatan biraas nan qabaadhe; nama naan dura Yerusaalem keessa jiraate kam iyyuu caalaas loonii fi bushaayee hedduu nan horadhe.
ECC 2:8 Ani meetii fi warqee, qabeenya moototaatii fi kutaawwan biyyaa walitti nan qabadhe. Ani faarfattoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoowwan nama gammachiisan hedduu qaban ture.
ECC 2:9 Kanaafuu ani akka malee guddadhee nama anaan dura Yerusaalem keessa ture kam iyyuu caale. Waan kana hunda keessatti ogummaan koo anuma wajjin ture.
ECC 2:10 Ani waan iji koo hawwe hunda isa hin dhowwine; garaa koos gammachuu tokko illee hin lagne. Garaan koo hojii koo hundatti gammade; kunis dadhabbii koo hundaaf badhaasa ture.
ECC 2:11 Taʼus ani yeroon waan harki koo hojjete hundaa fi waanan argachuuf jedhee itti dadhabe hubadhee ilaaletti, wanni hundi akkuma bubbee ariʼuuti malee faayidaa hin qabu ture; aduudhaa gaditti buʼaan tokko iyyuu hin turre.
ECC 2:12 Anis yaada koo gara ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuutti nan deebifadhe. Namni mootii iddoo buʼu tokko waan duraan hojjetame caalaa maal gochuu dandaʼa?
ECC 2:13 Ani akkuma ifni dukkana irra wayyu sana, akka ogummaan gowwummaa irra wayyu nan arge.
ECC 2:14 Ogeessi mataa isaa keessaa ija qaba; gowwaan garuu dukkana keessa deema; ani garuu akka galgalli isaan lamaanii tokkuma taʼe nan hubadhe.
ECC 2:15 Ergasii ani akkana jedheen garaa koo keessatti nan yaade; “Wanni gowwaa quunname, anaanis ni quunnama; yoos ani ogeessa taʼuudhaan maalan argadha ree?” Ani garaa koo keessatti, “Kunis faayidaa hin qabu” nan jedhe.
ECC 2:16 Ogeessi akkuma gowwaa yeroo dheeraaf hin yaadatamuutii; bara dhufuuf jiru keessa isaan lachuu ni irraanfatamu. Ogeessis akkuma gowwaa duʼuu qaba!
ECC 2:17 Sababii wanni aduu gaditti hojjetamu na gaddisiiseef ani jireenya nan jibbe; kun hundinuu bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
ECC 2:18 Ani sababii nama ana duubaan dhufuuf waan kana dhiisuu qabuuf, waanan aduudhaa gaditti itti dadhabe hunda nan jibbe.
ECC 2:19 Eenyutu akka inni ogeessa yookaan gowwaa taʼu beeka? Taʼus inni hojii ani aduudhaa gaditti yaalii fi ogummaa koo itti dhangalaase hundatti abbaa taʼa. Kunis faayidaa hin qabu.
ECC 2:20 Kanaafuu garaan koo sababii hojii koo dadhabsiisaa ani aduudhaa gaditti itti dadhabe hundaatiif abdii kutachuu jalqabe.
ECC 2:21 Namni tokko hojii isaa ogummaan, beekumsaa fi harka toliisaan hojjetee ergasii immoo waan qabu hunda nama homaa itti hin dadhabiniif dhiisuu qabaatii. Wanni kunis faayidaa hin qabu; hammina guddaadhas.
ECC 2:22 Namni tokko dadhabbii isaatiif yaalii cimaa aduudhaa gaditti godhe sana hundaaf maal argata?
ECC 2:23 Hojiin isaa bara jireenya isaa hunda rakkinaa fi gadda; sammuun isaa halkan iyyuu hin boqotu. Kunis waan faayidaa hin qabnee dha.
ECC 2:24 Namni nyaatee dhugee hojii isaatti gammaduu caalaa homaa gochuu hin dandaʼu. Ani akka wanni kun harka Waaqaatii dhufe nan arge;
ECC 2:25 Waaqaan malee eenyutu nyaachuu yookaan gammaduu dandaʼa?
ECC 2:26 Waaqni nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu kenna; nama cubbamaa garuu akka inni namicha Waaqa gammachiisuuf kennuuf jedhee hojii qabeenya walitti qabuutii fi kuusuu hojjetu godha. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
ECC 3:1 Wanni hundinuu yeroo qaba; hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
ECC 3:2 Dhalachuuf yeroo qaba; duʼuufis yeroo qaba; dhaabuuf yeroo qaba; buqqisuufis yeroo qaba;
ECC 3:3 ajjeesuuf yeroo qaba; fayyisuufis yeroo qaba; diiguuf yeroo qaba; ijaaruufis yeroo qaba;
ECC 3:4 booʼuuf yeroo qaba; kolfuufis yeroo qaba; gadduuf yeroo qaba; sirbuufis yeroo qaba;
ECC 3:5 dhagaa bittinneessuuf yeroo qaba; walitti qabuufis yeroo qaba; hammachuuf yeroo qaba; hammachuu dhiisuufis yeroo qaba;
ECC 3:6 barbaaduuf yeroo qaba; barbaaduu dhiisuufis yeroo qaba; kaaʼuuf yeroo qaba; gatuufis yeroo qaba;
ECC 3:7 tarsaasuuf yeroo qaba; hodhuufis yeroo qaba; calʼisuuf yeroo qaba; dubbachuufis yeroo qaba;
ECC 3:8 jaallachuun yeroo qaba; jibbuufis yeroo qaba; loluuf yeroo qaba; nagaafis yeroo qaba.
ECC 3:9 Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata?
ECC 3:10 Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera.
ECC 3:11 Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
ECC 3:12 Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka.
ECC 3:13 Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti.
ECC 3:14 Ani akka wanni Waaqni hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Waaqni akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha.
ECC 3:15 Wanni amma jiru kam iyyuu duraanuu tureera; wanni dhufuuf jirus duraanuu jira ture; Waaqni waan darbes deebisee fida.
ECC 3:16 Anis aduudhaa gaditti waan biraa nan arge; kunis: Iddoo murtiin qajeelaan jiraachuu malu, hamminatu ture; iddoo qajeelummaan jiraachuu malu immoo jalʼinatu ture.
ECC 3:17 Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade; “Waaqni qajeeltotaa fi hamoota, gara murtiitti ni fida; wanni hundinuu, hojiin hundinuus yeroo ni qabaatii.”
ECC 3:18 Ani amma illee akkana jedhee garaa koo keessatti nan yaade; “Waaqni akka isaan akkuma bineensotaa taʼuu isaanii arganiif ilmaan namaa qora.
ECC 3:19 Wanni nama irra gaʼu, bineensota irras ni gaʼa; lachan isaanii iyyuu waanuma tokkotu eeggata; akkuma inni tokko duʼu, inni kaanis ni duʼa. Hundi isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa caalaa faayidaa argatu tokko illee hin qabu. Wanni hundinuu faayidaa hin qabu.
ECC 3:20 Isaan hundi idduma tokko dhaqu; hundinuu biyyoo irraa dhufan; hundinuus biyyootti deebiʼu.
ECC 3:21 Akka hafuurri namaa ol baʼee hafuurri bineensaa immoo lafa keessa seenu eenyutu beeka?”
ECC 3:22 Kanaafuu ani sababii wanni sun ixaa isaa taʼeef akka namaaf wanni hojii isaatti gammaduu caalu tokko iyyuu hin jirre nan arge. Akka inni waan isa duubaan taʼu arguuf eenyutu isa fiduu dandaʼa?
ECC 4:1 Ani ammas ilaalee cunqursaa aduudhaa gaditti adeemsifamaa jiru hunda nan arge: Ani imimmaan cunqurfamtootaa nan arge; nama isaan jajjabeessu tokko illees hin qaban; humni gama cunqursitoota isaanii ture; isaan nama isaan jajjabeessu tokko illee hin qaban.
ECC 4:2 Anis akka warri duʼan, kanneen kanaan dura duʼan, jiraattota amma lubbuudhaan jiraatan caalan nan labse.
ECC 4:3 Garuu namni hamma ammaatti hin dhalatin kan hammina aduudhaa gaditti hojjetamu hin argin, lachan isaanii irra wayya.
ECC 4:4 Anis akka dadhabbiin hojii hundii fi milkaaʼuun hundi hinaaffaa namni ollaa isaa wajjin qabu irraa burqu nan arga. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
ECC 4:5 Gowwaan harka isaa maratee taaʼa; foonuma ofii isaas nyaata.
ECC 4:6 Dadhabbii fi bubbee ariʼuudhaan konyee lama argachuu irra nagaan konyee tokko argachuu wayya.
ECC 4:7 Ani amma illee waan faayidaa hin qabne tokko aduudhaa gaditti nan arge:
ECC 4:8 Nama kophaa isaa jiraatu tokkotu jira; innis ilma yookaan obboleessa hin qabu ture. Yeroo hunda hojiitti dadhaba; taʼus iji isaa qabeenya isaa ilaalee quufe hin jedhu. Innis, “Ani eenyuuf jedheen dadhaba? Maaliifan gammachuus of laga?” jedhee gaafate. Kunis faayidaa hin qabu; hojii buʼaa hin qabnee dha!
ECC 4:9 Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif nama tokko irra nama lama wayya:
ECC 4:10 Yoo inni tokko kufe, inni kaan ol isa qaba. Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne garaa nama nyaata!
ECC 4:11 Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa; nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?
ECC 4:12 Namni tokko moʼatamuu dandaʼa; namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu. Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.
ECC 4:13 Mootii dulloomaa fi gowwaa siʼachi gorsa hin fudhanne irra, dargaggeessa hiyyeessa ogeessa wayya.
ECC 4:14 Inni yoo hiyyumaan mootummaa sana keessatti dhalate iyyuu mana hidhaatii baʼee mootii taʼuu dandaʼaatii.
ECC 4:15 Ani akka namni aduudhaa gad jiraate hundi dargaggeessa mootii dhaalu sana duukaa buʼe nan arge.
ECC 4:16 Baayʼinni nama fuula isaanii dura jiruu hamma hin qabu ture. Warri duubaan dhufan garuu dargaggeessa dhaalu sanatti hin gammanne. Kun hundis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
ECC 5:1 Ati yeroo gara mana Waaqaa dhaqxu tarkaanfii kee eeggadhu. Dhaggeeffachuuf dhiʼaachuun aarsaa gowwootaa dhiʼeessuu caala; isaan akka hammina hojjechaa jiran hin beekaniitii.
ECC 5:2 Fuula Waaqaa duratti waan tokko dubbachuuf afaan keetiin hin jarjarin; garaan kees hin ariifatin. Waaqni samii keessa jira; ati immoo lafa irra jirta; kanaafuu dubbiin kee haa gabaabbatu.
ECC 5:3 Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas baayʼina dubbiitiin beekama.
ECC 5:4 Ati yeroo wareega tokko Waaqaaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi.
ECC 5:5 Wareeganii of irraa baasuu dhiisuu mannaa wareeguu dhiisuu wayya.
ECC 5:6 Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Ergamaa mana qulqullummaatiinis, “Wareegni koo dogoggora ture” hin jedhin. Waaqni maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa?
ECC 5:7 Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Waaqa sodaadhu.
ECC 5:8 Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru.
ECC 5:9 Faayidaan lafa irraa argamu kan nama hundaa ti; mootichi mataan isaa iyyuu qonna lafaa irraa fayyadama.
ECC 5:10 Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu; nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu. Kunis faayidaa hin qabu.
ECC 5:11 Akkuma qabeenyi baayʼatuun, warri nyaatanis ni baayʼatu. Yoos abbootiin qabeenyaa ijumaan ilaaluu malee faayidaa maalii argatu ree?
ECC 5:12 Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu, hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha; baayʼinni qabeenyaa garuu sooressa tokko hirriba dhowwa.
ECC 5:13 Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis: qabeenya abbuma isaa miidhuuf kuufame,
ECC 5:14 yookaan qabeenya milkii dhabuudhaan badee yeroo namichi sun ilma dhalchetti ilma isaatiif homaa hin hafinii dha.
ECC 5:15 Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa; inni akkuma dhufetti deebiʼee deema. Inni waan itti dadhabe keessaa waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu.
ECC 5:16 Kunis hammina nama gaddisiisuu dha: Namni akkuma dhufetti deema; inni waan bubbeedhaaf dadhabuuf faayidaa maalii argata?
ECC 5:17 Inni bara jireenya isaa hunda yaaddoo, dhukkubbii fi aarii guddaadhaan dukkana keessatti nyaata.
ECC 5:18 Anis akka namni bara jireenya isaa kan Waaqni isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii.
ECC 5:19 Akkasumas Waaqni nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Waaqaa ti.
ECC 5:20 Sababii Waaqni garaa isaa gammachuudhaan guuteef inni bara jireenya isaa baayʼee hin yaadatu.
ECC 6:1 Ani aduudhaa gaditti waan hamaa biraa argeera; kunis akka malee namatti ulfaata:
ECC 6:2 Waaqni akka namni waan garaa isaatti hawwu tokko iyyuu hin dhabneef qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina isaaf kenne; Waaqni garuu akka inni itti gammadu hin goone; qooda namichaa nama ormaatu itti gammada. Kun waan faayidaa hin qabnee dha; hammina nama gaddisiisuudhas.
ECC 6:3 Namni tokko ijoollee dhibba qabaatee waggoota baayʼee jiraachuu dandaʼa; inni hamma fedhe jiraatu illee yoo qabeenya isaatti gammaduu baatee awwaala gaariis argachuu baate, ani, “Isaa mannaa gatata wayya” nan jedha.
ECC 6:4 Inni akkasumaan dhufa; dukkana keessa bada; maqaan isaas dukkanaan haguugama.
ECC 6:5 Inni yoo aduu arguu baate iyyuu yookaan yoo homaa beekuu baate iyyuu boqonnaa namichi sun argatu caalaa boqonnaa qabaata.
ECC 6:6 Inni waggaa kuma yeroo lama jiraatu illee yoo jireenya gaarii hin jiraatin, namni hundi idduma tokko dhaqa mitii?
ECC 6:7 Dadhabbiin nama hundaa afaanuma isaatiif; fedhiin isaa garuu yoom iyyuu hin guutu.
ECC 6:8 Ogeessi maaliin gowwaa caala? Hiyyeessi akka itti fuula namootaa dura jiraatu beekuudhaan faayidaa maalii argata?
ECC 6:9 Hawwiidhaan jooruu mannaa waan iji argu wayya. Kunis bubbee ariʼuu malee faayidaa hin qabu.
ECC 6:10 Waan jiru hundaaf duraanuu maqaan baʼeera; maalummaan namaas beekamaa dha; namni tokko iyyuu nama isa caalaa humna qabuun morkachuu hin dandaʼu.
ECC 6:11 Dubbiin akkuma baayʼatuun faayidaa dhaba; yoos wanni sun akkamiin nama kam iyyuu fayyada?
ECC 6:12 Bara jireenya namaa kan inni akkuma gaaddisaatti keessa baʼee darbu gabaabaa faayidaa hin qabne kana keessa eenyutu waan namaaf gaarii taʼe beeka? Waan erga inni deemee booddee aduudhaa gaditti taʼus eenyutu isatti himuu dandaʼa?
ECC 7:1 Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.
ECC 7:2 Mana cidhaa dhaquu mannaa mana booʼichaa dhaquu wayya; galgalli nama hundaa duʼumaatii; namni lubbuun jiraatu waan kana garaatti haa qabatu.
ECC 7:3 Fuulli gaddu waan garaa gammachiisuuf kolfa irra gadda wayya.
ECC 7:4 Qalbiin ogeessaa mana booʼichaa jira, qalbiin gowwaa garuu mana gammachuu jira.
ECC 7:5 Sirba gowwootaa dhagaʼuu mannaa ifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya.
ECC 7:6 Kolfi gowwaa akkuma qoraattii xuwwee jalaa xaaxaʼuu ti. Kunis faayidaa hin qabu.
ECC 7:7 Cunqursaan ogeessa gowwaa godha; mattaʼaanis sammuu nama xureessa.
ECC 7:8 Jalqaba waan tokkoo irra dhuma isaa wayya; of tuuluu irras obsa wayya.
ECC 7:9 Hafuura keetiin aaruuf hin ariifatin; aariin bobaa gowwootaa keessa jiraatii.
ECC 7:10 Ati, “Barri durii maaliif bara kana caale?” hin jedhin; waan kana gaafachuun ogummaa miti.
ECC 7:11 Ogummaan akkuma dhaalaa waan gaarii dha; warra aduu arganiifis buʼaa qaba.
ECC 7:12 Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana ogummaanis daʼoo dha; faayidaan beekumsaa garuu kana: innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti.
ECC 7:13 Waan Waaqni hojjete mee ilaali: Waan inni jalʼise eenyutu qajeelchuu dandaʼa?
ECC 7:14 Yommuu yeroon gaarii taʼutti gammadi; yommuu yeroon hammaatu garuu itti yaadi: Waaqni isa tokko hojjete isa kaanis hojjeteera. Kanaafuu namni egeree isaa beekuu hin dandaʼu.
ECC 7:15 Ani jireenya koo kan faayidaa hin qabne kana keessatti waan kana lachuu argeera; kunis: Qajeelaan qajeelummaa isaatiin baduu isaatii fi hamaan immoo hammina isaatiin bara dheeraa jiraachuu isaa ti.
ECC 7:16 Ati akka malee qajeelaa hin taʼin; yookaan akka malee ogeessa hin taʼin; maaliif of galaafatta?
ECC 7:17 Ati akka malee hamaa hin taʼin; gowwaas hin taʼin; maaliif utuu yeroon kee hin gaʼin duuta?
ECC 7:18 Utuu isa kaan gad hin dhiisin waan tokko qabaachuun gaarii dha. Namni Waaqa sodaatu waan hundaan ni milkaaʼa.
ECC 7:19 Ogummaan, bulchitoota magaalaa tokko keessa jiran kudhan caalaa nama ogeessa tokko humna qabeessa gooti.
ECC 7:20 Namni qajeelaan waan qajeelaa malee cubbuu tokko illee hin hojjenne lafa irra hin jiru.
ECC 7:21 Waan namni jedhu hunda hin dhaggeeffatin; yoo kana goote utuu hojjetaan kee si abaaruu dhageessaa;
ECC 7:22 ati mataan kee iyyuu yeroo baayʼee namoota kaan akka abaarte garaan kee beekaatii.
ECC 7:23 Ani waan kana hunda ogummaadhaanan qoradhee, “Ani ogeessan taʼa” nan jedhe. Wanni kun garuu narraa fagoo ture.
ECC 7:24 Wanti jiru hundi fagoo dha; gad fagoo dha; eenyutu qoratee bira gaʼuu dandaʼa?
ECC 7:25 Kanaafuu ani gara ogummaa fi maalummaa wantootaa hubachuutti, sakattaʼuutti, qorachuutti akkasumas hammina gowwummaatii fi maraatummaa gowwummaa hubachuutti qalbii koo nan deebifadhe.
ECC 7:26 Ani waan duʼa caalaa hadhaaʼuu nan arge; kunis: dubartii kiyyoo taate, kan yaadni ishee kiyyoo, harki ishee immoo foncaa taʼee dha. Namni Waaqa gammachiisu ishee jalaa ni baʼa; cubbamaan garuu isheedhaan qabama.
ECC 7:27 Lallabaan akkana jedha; “Kunoo wanni ani qoradhee bira gaʼe kanaa dha: “Mala isaa beekuuf waan tokko fuudhanii waan kaanitti dabaluu dha;
ECC 7:28 ani ammas nan sakattaʼe; garuu hin arganne. Ani kuma keessaa dhiira qajeelaa tokko nan argadhe; hunduma isaanii keessaa garuu dubartii qajeeltuu tokko iyyuu hin arganne.
ECC 7:29 Kunoo ani waan kana qofa nan argadhe: Waaqni qajeeltota godhee ilmaan namaa uume; namoonni garuu mala baayʼee barbaacha deeman.”
ECC 8:1 Kan akka nama ogeessaa eenyu? Eenyutu hiikkaa waan tokkoo beeka? Ogummaan fuula namaa ibsa; nyaara guurames ni hiika.
ECC 8:2 Ati sababii fuula Waaqaa duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi.
ECC 8:3 Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii.
ECC 8:4 Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, “Ati maal hojjechaa jirta?” isaan jechuu dandaʼa?
ECC 8:5 Namni ajaja mootii eegu kam iyyuu hin miidhamu; qalbiin ogeessaa immoo yeroo fi haala mijaaʼaa beeka.
ECC 8:6 Rakkinni namaa akka malee isatti ulfaatu iyyuu wanni hundi yeroo fi haala mijaaʼaa qabaatii.
ECC 8:7 Sababii namni tokko iyyuu waan eger taʼu hin beekneef, eenyutu waan dhufuuf jiru isatti himuu dandaʼa?
ECC 8:8 Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu; kanaafuu eenyu iyyuu guyyaa duʼa isaa irratti humna hin qabu. Akkuma namni tokko yeroo waraanaatti duula keessaa hin ariʼamne sana, hamminnis warra isa hojjetu gad hin dhiisu.
ECC 8:9 Anis qalbii koo gara waan aduudhaa gaditti hojjetamu hundaatti deebifadhee waan kana hunda nan arge. Yeroon namni tokko warra kaan humnaan nan bulcha jedhee ofuma miidhu jira.
ECC 8:10 Ergasiis ani hamoota iddoo qulqulluu seenanii baʼaa turan sana akka isaan awwaalaman nan arge; isaanis magaalaa itti waan akkasii hojjetan keessatti ni jajamu ture. Kunis faayidaa hin qabu.
ECC 8:11 Sababii yakka hojjetame tokkootiif adabbiin dafee hin kennamneef, garaan namootaa mala hammina hojjechuutiin guutama.
ECC 8:12 Cubbamaan tokko yeroo dhibba yakka hojjetee bara dheeraa jiraatu iyyuu, ani akka namoonni Waaqa sodaatan kanneen sodaadhaan fuula isaa dura jiraatan nagaa qabaatan nan beeka.
ECC 8:13 Taʼus hamoonni sababii Waaqa hin sodaanneef nagaa hin qabaatan; barri jireenya isaaniis akka gaaddidduu hin dheeratu.
ECC 8:14 Waan faayidaa hin qabne kan lafa irratti taʼu tokkotu jira; kunis qajeeltota waan hamootaaf malu argatanii fi hamoota waan qajeeltotaaf malu argatanii dha. Ani wanni kun faayidaa hin qabu nan jedha.
ECC 8:15 Kanaafuu namaaf wanni aduudhaa gaditti nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalu tokko iyyuu sababii hin jirreef ani akka namni jireenyatti gammadu nan gorsa. Akkasiin bara jireenya isaa kan Waaqni aduudhaa gaditti kenneef hunda keessatti hojii isaa irratti gammachuun isa duukaa buʼa.
ECC 8:16 Ani yommuun qalbii koo gara ogummaa beekuu fi hojii namni utuu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatin hojjetu ilaaluutti deebifadhetti,
ECC 8:17 waan Waaqni hojjete hunda nan arge. Namni tokko iyyuu waan aduudhaa gaditti taʼaa jiru hubachuu hin dandaʼu. Namni waan kana bira gaʼuuf tattaaffatu iyyuu hiikkaa isaa argachuu hin dandaʼu. Ogeessi waan beeku yoo of seʼe illee inni dhugumaan hubachuu hin dandaʼu.
ECC 9:1 Kanaafuu ani waan kana hunda garaatti qabadhee akka qajeelaan, ogeessii fi hojiiwwan isaanii harka Waaqaa keessa jiran nan hubadhe; garuu namni tokko iyyuu akka jaalalli yookaan jibbi isa eeggatu hin beeku.
ECC 9:2 Nama qajeelaa fi jalʼaa, nama gaarii fi hamaa, nama qulqulluu fi xuraaʼaa, warra aarsaa dhiʼeessanii fi warra hin dhiʼeessine hunda galgalli isaanii tokkuma. Waanuma nama gaarii irra gaʼutu, cubbammaa irras gaʼa; waanuma warra kakuu seenan irra gaʼutu, warri kakuu seenuu sodaatan irra gaʼa.
ECC 9:3 Hamminni waan aduudhaa gaditti taʼu hunda keessa jiru kanaa dha: Galgalli nama hundaa tokkoo dha. Kana malees garaan namootaa hamminaan guutameera; bara jireenya isaanii keessas maraatummaatu garaa isaanii keessa jira; ergasii isaan warra duʼanitti dabalamu.
ECC 9:4 Namni warra lubbuun jiran hundatti dabalamu kam iyyuu abdii qaba. Leenca duʼee mannaa saree lubbuun jirtu wayyaatii!
ECC 9:5 Warri lubbuun jiran akka duʼan ni beekuutii; warri duʼan garuu homaa hin beekan; isaan siʼachi gatii hin qaban; yaadannoon isaanii iyyuu ni irraanfatama.
ECC 9:6 Jaalalli isaanii, jibbi isaaniitii fi hinaaffaan isaanii erga badee tureera; isaan waan aduudhaa gaditti taʼu kam iyyuu keessatti lammata qooda hin qabaatan.
ECC 9:7 Sababii Waaqni waan ati hojjettetti gammadeef dhaqiitii nyaata kee gammachuudhaan nyaadhu; daadhii wayinii keetiis garaa gammadduun dhugi.
ECC 9:8 Yeroo hunda uffata adii uffadhu; zayitiinis mataa kee irraa hin dhabamin.
ECC 9:9 Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.
ECC 9:10 Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; awwaala ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii.
ECC 9:11 Ani aduudhaa gaditti waan biraa argeera: Fiigichi warra saffisaniif yookaan lolli irree jabeeyyiif miti; yookaan nyaanni ogeeyyiif yookaan qabeenyi hubattootaaf yookaan fudhatama argachuun beektotaaf miti; yeroo fi carraan hunda isaanii argata.
ECC 9:12 Namni tokko iyyuu yeroon isaa yoom akka taʼe hin beeku: Akkuma qurxummiin kiyyoo hamaadhaan qabamu, yookaan akkuma simbirri kiyyoodhaan qabamtu sana namoonnis bara hamaa akkuma tasaa isaanitti dhufuun qabamu.
ECC 9:13 Ani amma illee fakkeenya ogummaa kan akka malee na dinqisiise kana aduudhaa gaditti nan arge:
ECC 9:14 Magaalaa xinnoo namoonni muraasni keessa jiraatan tokkotu ture. Mootiin jabaan tokkos isheetti baʼee marse; koobii biyyoo guddaa naannessee itti ijaare.
ECC 9:15 Yeroo sanatti hiyyeessa ogeessa tokkotu magaalaa sana keessa jiraachaa ture; innis ogummaa isaatiin magaalattii baraare. Namni tokko iyyuu garuu hiyyeessa sana hin yaadanne.
ECC 9:16 Kanaafuu ani, “Jabina irra ogummaa wayya” nan jedhe. Ogummaan hiyyeessa sanaa garuu ni tuffatame; dubbiin isaas fudhatama hin arganne.
ECC 9:17 Iyya bulchaa gowwootaa irra hasaasa ogeessaatu dhagaʼama.
ECC 9:18 Meeshaalee waraanaa irra ogummaa wayya; cubbamaan tokko garuu waan gaarii hedduu balleessa.
ECC 10:1 Akkuma tisiisni duute tokko shittoo ajeessitu sana gowwummaan xinnoon ogummaa fi ulfina balleessa.
ECC 10:2 Yaadni ogeessaa karaa mirgaa, yaadni gowwaa immoo karaa bitaa jira.
ECC 10:3 Gowwaan yoo karaa deemu illee qalbii hin qabu; akka gowwaa taʼes nama hundatti argisiisa.
ECC 10:4 Yoo dheekkamsi bulchaa tokkoo sitti hammaate, ati iddoo kee gad hin dhiisin; tasgabbaaʼuun dogoggora guddaa hambisuu dandaʼaatii.
ECC 10:5 Hamminni ani aduudhaa gaditti arge tokko jira; kunis dogoggora bulchaan tokko uumuu dha.
ECC 10:6 Utuma badhaadhonni iddoo gad aanu qabatanii jiranuu, gowwoonni iddoo ulfinaa qabatu.
ECC 10:7 Ani utuma ilmaan moototaa akka garbootaa miillaan deemanii garboonni immoo fardaan utuu deemanii nan arge.
ECC 10:8 Namni boolla qotu kam iyyuu ofuma isaatii keessa buʼa; nama dallaa cabsee keessaan baʼu kam iyyuu bofatu idda.
ECC 10:9 Namni dhagaa baasu kam iyyuu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa; namni jirma baqaqsu hundinuus jirmuma sanaan miidhama.
ECC 10:10 Qottoon doomee afaan isaa yoo hin qaramin, humna guddaa barbaachisa; ogummaan garuu milkaaʼinna fida.
ECC 10:11 Bofti tokko utuu hin raateffamin yoo nama idde, namichi bofa raatessu sun homaa hin argatu.
ECC 10:12 Dubbiin afaan ogeessaatii baʼu ulfina qaba; namni gowwaan immoo hidhii ofii isaatiin bada.
ECC 10:13 Dubbiin isaa jalqabatti gowwummaa dha; dhuma irratti garuu maraatummaa hamaa dha;
ECC 10:14 namni gowwaan dubbii baayʼisa. Namni tokko iyyuu waan dhufuuf jiru hin beeku; eenyutu waan isa duubaan taʼu isatti himuu dandaʼa?
ECC 10:15 Dadhabbiin gowwaa isuma butuchiti; inni karaa gara magaalaatti geessu hin beeku.
ECC 10:16 Yaa biyya mootiin kee mucaa turee, kan ilmaan moototaa kee ganamaan nyaatanii dhugan siif wayyoo.
ECC 10:17 Yaa biyya mootiin kee sanyii beekamaa irraa dhalate, kan ilmaan moototaa utuu machaaʼuuf hin taʼin, jabina argachuuf jedhanii yeroo malutti nyaatanii dhugan, ati eebbifamtuu dha.
ECC 10:18 Dhibaaʼummaan, mana duuffisa; harki hin hojjennes mana dhimmisiisa.
ECC 10:19 Cidhi kolfaaf qopheeffama; daadhiin wayiniis jireenya gammachiisa; maallaqni immoo deebii waan hundaa ti.
ECC 10:20 Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf, yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf, ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin; yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin.
ECC 11:1 Buddeena kee bishaan gubbaa buusi; guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.
ECC 11:2 Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi; balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.
ECC 11:3 Duumessi yoo bishaaniin guutame, bokkaa lafatti gad dhangalaasa. Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige, idduma itti kufe sana ciisa.
ECC 11:4 Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu; kan duumessa ilaallatus hin haammatu.
ECC 11:5 Ati akkuma daandii bubbee, yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana, hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee beekuu hin dandeessu.
ECC 11:6 Inni kun yookaan inni sun, yookaan lachanuu wal qixxee tolu; inni kam akka tolu hin beektuutii; ati sanyii kee ganamaan facaafadhu; galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.
ECC 11:7 Ifni miʼaawaa dha; aduu arguunis ija gammachiisa.
ECC 11:8 Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee, inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu. Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu; isaan ni baayʼatuutii. Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.
ECC 11:9 Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi; bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu. Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi; garuu akka Waaqni waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.
ECC 11:10 Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi; sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef dhagna kee keessaa hammina baasii gati.
ECC 12:1 Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin, utuu barri ati itti, “Ani itti hin gammadu” jettu hin gaʼin, bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;
ECC 12:2 utuu aduu fi ifni, jiʼii fi urjiin hin dukkanaaʼin, utuu duumessi bokkaatti aanee hin deebiʼin,
ECC 12:3 yeroo itti eegdonni manaa hollatanii namoonni jajjaboon immoo gugguufanitti, yeroo itti warri midhaan daakan sababii muraasa taʼaniif hojii dhiisanii, kanneen foddaa keessaan ilaalan arguu dadhabanitti,
ECC 12:4 yeroo itti balballi daandii guddaatti geessu cufamee sagaleen dhagaa daakuu immoo gad buʼaa deemutti, yeroo itti namni waca simbirrootiin dammaqee sirbi ishee hundi garuu gad buʼaa deemutti,
ECC 12:5 yeroo itti namni lafa ol dheeraa fi balaa daandii irraa sodaatu, yeroo itti mukni lawuzii daraaru, yeroo itti korophisni tiratuu fi hawwiin nama keessaa badutti Uumaa kee yaadadhu. Ergasii namni mana isaa bara baraatti gala; warri booʼanis daandii irra deddeebiʼu.
ECC 12:6 Utuu funyoon meetii hin citin, yookaan utuu waciitiin warqee hin cabin isa yaadadhu; utuu okkoteen burqaa biratti hin caccabin, yookaan utuu geengoon ittiin bishaan warraaban boolla bishaanii biratti hin cabin,
ECC 12:7 utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin, utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu.
ECC 12:8 Lallabaanis, “Wanni hundi faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Wanni hundi faayidaa hin qabu!” jedha.
ECC 12:9 Lallabaan sun ogeessa qofa utuu hin taʼin beekumsas namaaf ni qooda ture. Inni itti yaadee, qoratee fakkeenya baayʼee tartiibaan kaaʼeera.
ECC 12:10 Lallabaan kun jecha sirrii argachuuf jedhee qorate; wanni inni barreesses qajeelaa fi dhugaa dha.
ECC 12:11 Dubbiin ogeessaa akkuma meeshaa ittiin loon oofanii ti; jechi isaa kan walitti qabames akkuma mismaara jabeeffamee rukutamee ti; kanas tiksee tokkotu kenne.
ECC 12:12 Yaa ilma ko, waan kana irraa hafe hunda of eeggadhu. Kitaaba hedduu barreessuun hojii dhuma hin qabnee dha; quʼannaan baayʼeenis nama dadhabsiisa.
ECC 12:13 Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
ECC 12:14 Waaqni hojii hunda, waan dhokfame hundas gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.
SOL 1:1 Weedduu Weeddotaa Solomoon.
SOL 1:2 Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu; jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.
SOL 1:3 Urgaan shittoo keetii namatti tola; maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti. Kanaafuu dubarran si jaallatu!
SOL 1:4 Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa! Mootichi diinqa isaatti ol na galfate. Michoota Nu sitti gammannee ililchina; jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna. Ishee Si jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!
SOL 1:5 Intallan Yerusaalem, ani akkuma dunkaana Qeedaar, akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha; garuu bareedduu dha.
SOL 1:6 Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin; aduutu na gurraachesseetii. Ilmaan haadha koo natti aaranii akka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan; ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.
SOL 1:7 Yaa isa ani si jaalladhu, iddoo bushaayee kee tikfattuu fi iddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi. Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugattee bushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?
SOL 1:8 Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu, ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi; ilmoolee reʼoota keetiis dunkaana tiksootaa bira tikfadhu.
SOL 1:9 Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaa fardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.
SOL 1:10 Maddiin kee amartii gurraatiin, mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.
SOL 1:11 Nu warqee gurraa meetiidhaan wal make siif tolchina.
SOL 1:12 Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruu shittoon koo urgaa isaa kenne.
SOL 1:13 Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti; inni guntuta koo gidduu boqota.
SOL 1:14 Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaa kan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.
SOL 1:15 Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda! Dinqii akkam bareedda! Iji kee gugee fakkaata.
SOL 1:16 Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii akkam namatti tolta! Margi lalisaan siree keenya.
SOL 1:17 Dareersumaan mana keenyaa birbirsa; dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.
SOL 2:1 Ani daraaraa Shaaroon; daraaraa sulula keessaa ti.
SOL 2:2 Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti.
SOL 2:3 Michuun koo dargaggoota gidduutti akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha; iji isaas natti miʼaawa.
SOL 2:4 Inni galma cidhaatti na geesse; akeekni inni naaf qabu jaalala.
SOL 2:5 Sababii ani jaalalaan gaggabeef isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa; muka hudhaatiinis na haaromsaa.
SOL 2:6 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
SOL 2:7 Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
SOL 2:8 Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee gaarran irras qaariʼee dhufaa jira.
SOL 2:9 Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti. Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee foddaa keessaan ilaalaa qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira.
SOL 2:10 Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe; “Yaa miidhagduu koo kaʼi! Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi.
SOL 2:11 Kunoo! Ganni darbeera; bokkaanis caamee sokkeera.
SOL 2:12 Daraaraan lafa irratti mulʼateera; waqtiin sirbaa gaʼeera; wacni gugees biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira.
SOL 2:13 Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera; wayiniin daraares urgaa kenneera. Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu; yaa bareedduu koo na wajjin deemi.”
SOL 2:14 Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa, kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa, mee fuula kee na argisiisi; mee sagalee kee na dhageessisi; sagaleen kee miʼaawaadhaatii; fuulli kees namatti tola.
SOL 2:15 Mee waangoo, waangoodhuma xixinnoo ishee kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa; iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii.
SOL 2:16 Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
SOL 2:17 Yaa michuu ko, hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi; akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.
SOL 3:1 Ani halkan guutuu siree koo irra ciisee nama garaan koo jaallatu sana nan barbaade; ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
SOL 3:2 Ani amma kaʼeen magaalaa keessa, daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema; nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada. Kanaafuu ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
SOL 3:3 Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan; anis, “Michuu koo argitanii?” jedheen isaan gaafadhe.
SOL 3:4 Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen, nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe. Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti, diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti ol galchutti gad isa hin dhiisne.
SOL 3:5 Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti, jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
SOL 3:6 Isheen qumbii fi ixaana urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee akkuma utubaa aaraa gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu?
SOL 3:7 Kunoo! Siree Solomoon kan loltoota jaatama warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti.
SOL 3:8 Hundi isaanii goraadee hidhatu; hundinuu muuxannoo waraanaa qabu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan.
SOL 3:9 Solomoon mootichi ofii isaatii gaarii tolfate; innis muka Libaanoon irraa tolfate.
SOL 3:10 Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete; jala isaa garuu warqeedhaan hojjete. Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame; keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame.
SOL 3:11 Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa; inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa, guyyaa garaan isaa gammadetti, mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.
SOL 4:1 Yaa bareedduu ko, ati akkam miidhagda! Dinqii ati akkam bareedda! Iji kee haguuggii kee duubaan gugee fakkaata. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼootaa kan gaara Giliʼaad irraa gad buʼuu ti.
SOL 4:2 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan rifeensi irraa haadamee dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
SOL 4:3 Hidhiin kee akkuma kirrii bildiimaa ti; haasaan kee namatti tola. Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
SOL 4:4 Mormi kee gamoo Daawit kan miʼa lolaa itti kuusuuf ijaarame sana fakkaata; isa irratti gaachana kumatu rarraafama; hundinuu gaachana loltootaa ti.
SOL 4:5 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii daraaraa keessa dheedanii ti.
SOL 4:6 Hamma bariʼee gaaddisni baduutti, ani gara tulluu qumbiitii fi gara gaara ixaanaa nan dhaqa.
SOL 4:7 Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha; ati mudaa tokko illee hin qabdu.
SOL 4:8 Yaa misirrittii ko, Libaanoonii na wajjin kottu; Libaanoonii na wajjin kottu. Fiixee Amaanaa irraa, fiixee Seniir, fiixee Hermoon irraa gad buʼi; holqa leencaa keessaa, tulluu oolmaa qeerransaa irraas gad buʼi.
SOL 4:9 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta; ati milʼuu ija keetii tokkoon, faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta.
SOL 4:10 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, jaalalli kee akkam nama gammachiisa! Jaalalli kee daadhii wayinii caalaa, urgaan shittoo keetiis urgooftuu kam iyyuu caalaa akkam namatti tola!
SOL 4:11 Yaa misirrittii ko, hidhiin kee akkuma dhaaba dammaa nadhii coccobsa; aannanii fi dammi arraba kee jala jira. Urgaan uffata keetii akkuma urgaa Libaanoon.
SOL 4:12 Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati akkuma iddoo biqiltuu cufamee ti; ati burqaa dallaan itti ijaaramee fi madda chaappaan cufamee dha.
SOL 4:13 Biqiltuun kee iddoo roomaanii kan ija filatamaa heennaa fi naardoos qabuu dha;
SOL 4:14 akkasumas naardoosii fi marga urgaaʼu, qundhii fi qarafaa, muka ixaanaa gosa garaa garaa, qumbii, argeessaa fi urgooftuu akka malee gaarii hunda qaba.
SOL 4:15 Ati burqaa biqiltuu keessaa ti; bishaan boollaa yaaʼu kan Libaanoon irraa gad dhangalaʼuu dha.
SOL 4:16 Yaa bubbee kaabaa dammaqi; bubbeen kibbaas kottu! Akka urgaan isaa naannoo hunda waliin gaʼuuf biqiltuu koo irratti bubbisi. Michuun koo dhufee, biqiltuu seenee ija filatamaa haa nyaatu.
SOL 5:1 Yaa obboleettii ko, misirrittii ko, ani dhufee biqiltuu koo seeneera; ani qumbii koo urgooftuu koo wajjin walitti qabadheera. Ani dhaaba damma koo nadhii isaa wajjin nyaadheera; daadhii wayinii koos aannan koo wajjin dhugeera. Michoota Yaa michoota, nyaadhaa dhugaa; jaalalas dhugaa quufaa.
SOL 5:2 Ani rafeera; garaan koo garuu dammaqeera. Mee dhaggeeffadhaa! Michuun koo balbala rurrukutaa jiraatii; inni akkana jedha; “Yaa obboleettii ko, miidhagduu ko, gugee koo kan mudaa hin qabne, balbala naaf bani. Mataan koo fixeensaan, rifeensi koos jiidha halkaniitiin tortoreera.”
SOL 5:3 Ani uffata koo of irraa baaseera; akkamittan deebisee uffadha ree? Miilla koo dhiqadheera; akkamittan deebisee xureessa ree?
SOL 5:4 Michuun koo qaawwa balbalaatiin harka galche; lapheen koo isaaf ni dhaʼate.
SOL 5:5 Ani michuu kootiif balbala banuuf nan kaʼe; qabannoo balbalaa irrattis harka koo irraa qumbiin, quba koo irraa immoo qumbiin dhangalaʼaan coccobe.
SOL 5:6 Ani michuu kootiif balbala nan bane; michuun koo garuu achi hin jiru; inni deemeera. Deemuu isaattis garaan koo ni rifate. Ani isa nan barbaade; garuu hin arganne. Ani isa nan waame; inni garuu hin owwaanne.
SOL 5:7 Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan. Isaanis na reebanii na madeessan; warri dallaa eegan sunis wayyaa koo narraa baafatan!
SOL 5:8 Yaa intallan Yerusaalem, isin michuun koo yoo argitan jaalalaan dhukkubsachuu koo akka isatti naaf himtan isinan kakachiisa.
SOL 5:9 Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee maaliin warra kaan caala? Ati kan akkas nu kakachiiftu, michuun kee maaliin warra kaan caala?
SOL 5:10 Michuun koo diimaa cululuqaa dha; inni namoota kuma kudhan keessaa ni mulʼata.
SOL 5:11 Mataan isaa warqee akka malee qulqulluu dha; rifeensi mataa isaa jigaa dha; akkuma arraagessaas gurraacha.
SOL 5:12 Iji isaa akkuma gugee burqaa bishaanii biraa kan aannaniin dhiqamee akka faayaatti kaaʼatamuu dha.
SOL 5:13 Maddiin isaa akkuma madabii biqiltuu urgooftuu kan shittoo baasuu ti. Hidhiin isaa akkuma daraaraa qumbiin irraa coccobuu ti.
SOL 5:14 Harki isaa ulee warqee kan biiraleedhaan faayeffamee dha. Dhagni isaa akkuma ilka arbaa kan sanpeeriin miidhagfamee dha.
SOL 5:15 Miilli isaa utubaa dhagaa adii kan baattuu warqee qulqulluu irraa hojjetame irra dhaabamee dha. Bifti isaa akkuma Libaanoon, akkuma birbirsaa Libaanoon filatamaa dha.
SOL 5:16 Dubbiin isaa waan hunda caalaa miʼaawaa dha; inni guutumaan guutuutti namatti tola. Yaa intallan Yerusaalem, kun michuu koo ti; kun michuu koo ti.
SOL 6:1 Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee eessa dhaqe? Akka nu si wajjin barbaannuuf michuun kee garamitti gore?
SOL 6:2 Michuun koo iddoo biqiltuu keessa hoolota isaa tikfachuu fi daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu, lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera.
SOL 6:3 Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
SOL 6:4 Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha; akkuma Yerusaalem namatti tolta; akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda.
SOL 6:5 Ija kee narraa buqqisi; inni na jeeqeeraatii. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.
SOL 6:6 Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
SOL 6:7 Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
SOL 6:8 Mootittiiwwan jaatamni, saajjatoon saddeettamnii fi dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun jiraachuu dandaʼu;
SOL 6:9 gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti; isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha; haadha ishee deesseefis filatamtuu dha. Dubarran ishee arganii ishee eebbisan; mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan.
SOL 6:10 Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu, kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu, kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu?
SOL 6:11 Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf, akka wayiniin hudhaa baase yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe.
SOL 6:12 Utuu ani hin hubatin, lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste.
SOL 6:13 Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi; akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi! Isa Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu?
SOL 7:1 Yaa intala ilma mootii, miilli kee kophee keessatti akkam bareeda! Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata.
SOL 7:2 Handhuurri kee xoofoo geengoo kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa hin dhabamin fakkaata. Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii kan daraaraadhaan marfame fakkaata.
SOL 7:3 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii ti.
SOL 7:4 Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata. Iji kee haroo Heshboon kan karra Baatrabii biraa fakkaata. Funyaan kee gamoo Libaanoon kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata.
SOL 7:5 Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa. Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata; mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama.
SOL 7:6 Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin akkam bareedda; akkamis namatti tolta!
SOL 7:7 Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata; guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata.
SOL 7:8 Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha; ija isaa nan qabadha” nan jedhe. Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii, urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti;
SOL 7:9 afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti. Ishee Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu.
SOL 7:10 Ani kan michuu koo ti; hawwiin isaas anumaaf.
SOL 7:11 Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu; gandoota achii keessa haa bullu.
SOL 7:12 Akka mukni wayinii hudhaa baafate, akka daraaraan ija banatee fi akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu; anis achitti jaalala koo siif nan kenna.
SOL 7:13 Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa; yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse, haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi balbala keenya dura jira.
SOL 8:1 Utuu ati akka obboleessa koo kan harma haadha koo hodhee guddatee naa taatee! Ani yoon alatti si arge sin dhungadhan ture; namni tokko iyyuu na hin tuffatu.
SOL 8:2 Anis si dura deemee mana haadha koo ishee na barsiifte sanaatti sin geessa ture. Akka ati dhugduufis daadhii wayinii kan miʼeeffame cuunfaa roomaanii koos siifin kenna ture.
SOL 8:3 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
SOL 8:4 Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
SOL 8:5 Kan michuu isheetti irkattee gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu? Ishee Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase; haati kee achitti si ulfoofte; achumattis ciniinsifattee si deesse.
SOL 8:6 Akkuma chaappaatti laphee kee irra, akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu; jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii; hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha. Inni akkuma ibidda balaliʼuu, akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa.
SOL 8:7 Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu; lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu. Namni tokko qabeenya mana isaa hunda yoo jaalalaaf kenne qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.
SOL 8:8 Nu obboleettii xinnoo tokko qabna; isheen guntuta iyyuu hin baafne. Guyyaa isheen heerumaaf kadhatamtutti nu obboleettii keenyaaf maal goona?
SOL 8:9 Utuu isheen dallaa dhagaa taatee nu silaa gamoo meetii ishee irratti ijaarra ture. Utuu isheen balbala taatee nu silaa birbirsaan ishee marsina.
SOL 8:10 Ani dallaa dhagaa ti; guntunni koos akkuma gamoo ti. Kanaafuu ani fuula isaa duratti akkuma nama nagaa fidu tokkootti nan ilaalaman ture.
SOL 8:11 Solomoon Baʼaal Haamoon keessaa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture; innis iddoo dhaabaa wayinii ofii isaa qottuuwwanitti kiraa kennate. Tokkoon tokkoon isaaniis ija argatan irraa meetii saqilii kuma tokko fiduufii qabu ture.
SOL 8:12 Iddoon dhaabaa wayinii kootii, kanuma koo ti; yaa Solomoon, saqiliin kumni sun sumaaf; dhibbi lama immoo kan warra ija isaa eeganii ti.
SOL 8:13 Yaa ishee iddoo biqiltuu keessa jiraattu, michoonni sagalee kee dhaggeeffachaa jiru; mee anis nan dhagaʼa!
SOL 8:14 Yaa michuu ko, dafii kottu; akka kuruphee yookaan akka korma gadamsaa kan gaara urgooftuu irra burraaquu taʼi.
ISA 1:1 Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge.
ISA 1:2 Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu! Waaqayyo akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani ijoollee horadheen guddifadhe; isaan garuu natti fincilaniiru.
ISA 1:3 Qotiyyoon gooftaa isaa, harreenis gola gooftaa isaa ni beeka; Israaʼel garuu hin beeku; sabni koo hin hubatu.”
ISA 1:4 Yaa saba cubbamaa, uummata balleessaan itti baayʼate, ilmaan warra waan hamaa hojjetuu, ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo! Isaan Waaqayyoon dhiisaniiru; Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii dugda isaanii itti garagalfataniiru.
ISA 1:5 Isin siʼachi maaliif rukutamtu? Maaliif fincila keessa jiraatu? Mataan keessan guutuun miidhameera; garaan keessan guutuunis dadhabeera.
ISA 1:6 Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti, fayyaa hin qabdan; madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu, kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne yookaan zayitiidhaan hin laafne.
ISA 1:7 Biyyi keessan duwwaa hafteerti; magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru; alagoonni fuuluma keessan duratti lafa qotiisaa keessan saamu; akkuma waan ormi ishee saameettis onti.
ISA 1:8 Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo dhaabaa wayinii keessaatti, akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti, akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti.
ISA 1:9 Utuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre.
ISA 1:10 Yaa bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; yaa saba Gomoraa, Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa!
ISA 1:11 Waaqayyo akkana jedha; “Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?” Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi horii gabbifamanii baayʼeen qaba; ani dhiiga korommii looniitti, kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu.
ISA 1:12 Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan, akka oobdii koo dhidhiittan eenyutu isin irraa barbaade?
ISA 1:13 Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa! Ixaanni keessan na jibbisiisa. Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu.
ISA 1:14 Ayyaana Baatii keessanii fi ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti. Isaan baʼaa natti taʼaniiru; anis obsuu dadhabeera.
ISA 1:15 Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan, ani ija koo isinan dhokfadha; yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu. Harki keessan dhiigaan guutameera!
ISA 1:16 Dhiqadhaatii of qulqulleessaa. Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa! Yakka hojjechuus dhiisaa;
ISA 1:17 waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
ISA 1:18 Waaqayyo akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
ISA 1:19 Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan, waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;
ISA 1:20 garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata.” Afaan Waaqayyoo waan kana dubbateeraatii.
ISA 1:21 Akka magaalaan amanamtuun sun sagaagaltuu taate ilaalaa! Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee qajeelummaan ishee keessa jiraata ture; amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!
ISA 1:22 Meetiin kee ligidaaʼeera; daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera.
ISA 1:23 Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.
ISA 1:24 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Jabaan Israaʼel sun akkana jedha: “Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha; diinota koos haaloo nan baafadha.
ISA 1:25 Ani harka koo sitti nan deebisa; ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa; xurii kee hundas sirraa nan balleessa.
ISA 1:26 Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti, akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa. Ergasii ati magaalaa qajeelummaa, magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta.”
ISA 1:27 Xiyoon murtii qajeelaadhaan, qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu.
ISA 1:28 Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu; warri Waaqayyoon dhiisanis ni badu.
ISA 1:29 “Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu; sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu.
ISA 1:30 Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee, akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu.
ISA 1:31 Namni jabaan akkuma huubaa, hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa; isaan lachuu walumaan gubatu; namni ibidda sana dhaamsus hin jiru.”
ISA 2:1 Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha:
ISA 2:2 Bara dhumaa keessa, tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha; saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu.
ISA 2:3 Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa ni baʼa.
ISA 2:4 Inni saboota gidduutti murtii kenna; namoota hedduudhaafis ni murteessa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu; eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu; yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.
ISA 2:5 Yaa mana Yaaqoob, kottaa ifa Waaqayyoo keessa deddeebinaa.
ISA 2:6 Kanaafuu saba kee, mana Yaaqoob dhiifteerta. Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru; akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu; duudhaa namoota ormaattis ni cichu.
ISA 2:7 Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti; qabeenyi isaanii dhuma hin qabu. Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti; gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban.
ISA 2:8 Biyyi isaanii waaqota tolfamoodhaan guutamteerti; isaan hojiidhuma harka isaanii, waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu.
ISA 2:9 Kanaafuu namni gad qabama; ilmaan namaa gad deebifamu; ati isaaniif hin dhiisin.
ISA 2:10 Argamuu Waaqayyoo isa sodaachisaa fi surraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu; lafa keessas dhokadhu!
ISA 2:11 Iji nama of tuuluu gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha.
ISA 2:12 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf, warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba; isaanis gad deebifamu.
ISA 2:13 Inni birbirsa Libaanoon dheeraa fi guddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf,
ISA 2:14 tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf, gaarran ol dhedheeroo hundaaf,
ISA 2:15 gamoo gurguddaa hundaaf, dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf,
ISA 2:16 doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaaf guyyaa murteeffate tokko qaba.
ISA 2:17 Of tuulummaan namaa gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha;
ISA 2:18 waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu.
ISA 2:19 Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti, sodaachisa Waaqayyootii fi surraa isaa ulfina qabeessa sana duraa gara holqa kattaa keessaattii fi boolla lafa keessaatti ni baqatu.
ISA 2:20 Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamoo kanneen waaqeffachuuf jedhanii meetii fi warqee irraa tolfatan sana tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu.
ISA 2:21 Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti sodaachisa Waaqayyootii fi surraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaa kattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu.
ISA 2:22 Nama duʼa hin oolle, kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa. Inni maalitti lakkaaʼama?
ISA 3:1 Kunoo Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa kennaa fi gargaarsa isaa kan midhaaniitii fi kan bishaanii hunda irraa fudhata;
ISA 3:2 gootaa fi loltuu, abbaa murtiitii fi raajii, hooda himaa fi maanguddoo,
ISA 3:3 ajajaa shantamaatii fi nama ulfina qabu, gorsituu, ogeessa hojii harkaatii fi ogeessa waa dawweessuu beeku irraa fudhata.
ISA 3:4 “Ani dargaggoota qondaaltota isaanii nan godha; ijoolleen isaan bulchu.”
ISA 3:5 Namoonni wal hacuucu; namni tokko nama kaanitti, ollaanis, ollaa isaatti kaʼa. Dargaggeessi jaarsatti, tuffatamaanis kabajamaatti kaʼa.
ISA 3:6 Namni tokko mana abbaa isaatti, obboloota isaa keessaa tokko qabee, “Ati qoloo qabda; kanaafuu bulchaa nuuf taʼi; tuullaa waan diigamee kanattis itti gaafatama fudhu!” jedha.
ISA 3:7 Inni garuu gaafas, “Ani furmaata taʼuu hin dandaʼu. Ani nyaata yookaan uffata tokko illee mana kootii hin qabu; bulchaa sabaa na hin taasisinaa” jedhee iyya.
ISA 3:8 Yerusaalem gatantaraa jirti; Yihuudaan immoo kufteerti; dubbii isaaniitii fi gochi isaanii Waaqayyoon mormuudhaan ulfina argamuu isaa xureessa.
ISA 3:9 Haalli fuula isaanii dhugaa isaanitti baʼa; isaan akkuma Sodoom cubbuu isaanii ifa baasu; isaan cubbuu isaanii hin dhokfatan. Isaaniif wayyoo! Isaan balaa guddaa ofitti fidaniiru.
ISA 3:10 Akka wanni kun isaaniif tolu qajeeltotatti himaa; isaan buʼaa hojii isaanii nyaatu.
ISA 3:11 Hamaadhaaf wayyoo! Badiisni isatti ni dhufa! Inni gatii harka isaa ni argata.
ISA 3:12 Dargaggoonni saba koo cunqursu; dubartoonni isaan bulchu. Yaa saba ko, qajeelchitoonni keessan karaa irraa isin jalʼisaniiru; isaan irraa isin gorsaniiru.
ISA 3:13 Waaqayyo murtii kennuuf taaʼeera; saba isaattis muruuf kaʼeera.
ISA 3:14 Waaqayyo akkana jedhee maanguddootaa fi hooggantoota saba isaatti mura: “Kan iddoo dhaabaa wayinii kootii balleesse isin; wanni hiyyeeyyii irraa saamame mana keessan jira.
ISA 3:15 Isin saba koo caccabsuun keessan, fuula hiyyeeyyiis butuchuun keessan maal gochuu keessan?” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
ISA 3:16 Waaqayyo akkana jedha; “Dubartoonni Xiyoon of tuulu; isaan morma dheereffatanii yaaʼu; ijaanis ni waammatu; faaya miilla isaanii kilillisaa cillaanfachaa deemu.
ISA 3:17 Kanaafuu Gooftaan mataa intallan Xiyoonitti qaaqee ni fida; Waaqayyo gubbee mataa isaanii moleessa.”
ISA 3:18 Gaafas Gooftaan faaya miidhagina isaanii: albuu, marata mataa, faaya mormaa kan baatii fakkaatu,
ISA 3:19 amartii gurraa, bitawoo, haguuggii fuulaa,
ISA 3:20 Marata mataa, faaya miillaa, sabbata, bilqaaxxii shittoo, kudhaama,
ISA 3:21 qubeelaa chaappaa, amartii funyaanii
ISA 3:22 wandaboo filatamaa, koofiyyaa, qoloo, korojoo harkaa,
ISA 3:23 of ilaaleewwan, wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, gonfoo dubartootaatii fi uffata mormaa isaan irraa mulqa.
ISA 3:24 Qooda urgaa, ajaa; qooda sabbataa, funyoo; qooda mataa sirriitti dhaʼamee, moluu; qooda uffata miidhagaa, wayyaa gaddaa; qooda miidhaginaa fokkisuutu dhufa.
ISA 3:25 Namoonni keessan goraadeedhaan, loltoonni keessanis lola keessatti dhumu.
ISA 3:26 Karri Xiyoon faarsitee boossi; isheen ontee lafa teessi.
ISA 4:1 Bara sana keessa dubartoonni torba nama tokkicha qabatanii, “Nu nyaatuma keenya nyaanna; uffata keenya uffanna; garuu maqaa keetiin haa waamamnu. Salphina keenya nurraa fageessi!” jedhuun.
ISA 4:2 Bara sana keessa dameen Waaqayyoo bareedee ulfina qabaata; iji lafaas hambaa Israaʼeliif waan isaan ittiin boonanii fi ulfina taʼa.
ISA 4:3 Warri Xiyoon keessatti hafan, warri Yerusaalem keessatti hambifaman, warri namoota Yerusaalem keessa jiraatan keessatti galmeeffaman hundi qulqulloota jedhamanii ni waamamu.
ISA 4:4 Gooftaan xurii dubartoota Xiyoon irraa dhiqa; inni Yerusaalem irraa hafuura murtiitii fi hafuura ibiddaatiin dhiiga ni qulqulleessa.
ISA 4:5 Ergasiis Waaqayyo guutummaa Tulluu Xiyoonii fi warra achitti walitti qabaman hundaa irratti guyyaadhaan duumessa aaraa, halkaniin immoo ifa arraba ibiddaa ni uuma; ulfina sana hunda irra dunkaanatu jiraata.
ISA 4:6 Innis hoʼa guyyaa irraa daʼoo fi gaaddisa, iddoo bubbee hamaa fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi iddoo itti dhokatan taʼa.
ISA 5:1 Ani naman jaalladhu sanaaf, faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha: Michuun koo gaara gabbataa irraa iddoo dhaabaa wayinii qaba.
ISA 5:2 Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee wayinii filatamaa isa irra dhaabe. Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree boolla wayinii itti cuunfan illee qote. Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate; inni garuu ija hamaa qofa kenne.
ISA 5:3 “Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa, mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo gidduu jiruuf murtii kennaa.
ISA 5:4 Waan ani godheef kana caalaa wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali? Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate?
ISA 5:5 Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru isinitti nan hima; ani dallaa isaa nan diiga; innis ni bada; dallaa isaa dhagaa nan jigsa; innis gad dhidhiitama.
ISA 5:6 Ani isa nan onsa; mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu. Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata. Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja.”
ISA 5:7 Iddoon dhaabaa wayinii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼel; namoonni Yihuudaa immoo iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha. Inni murtii qajeelaa barbaade; garuu dhiiga dhangalaafamu arge; qajeelummaa barbaade; garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe.
ISA 5:8 Isin warra hamma iddoon tokko iyyuu hin hafnetti mana irratti mana, lafa qotiisaa irratti lafa qotiisaa dabalattanii kophuma keessan biyya keessa jiraattaniif wayyoo!
ISA 5:9 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utumaa ani dhagaʼuu akkana jedhee dubbate: “Dhugumaan manneen hedduun ni onu; manneen gurguddaanii fi babbareedoon nama keessa jiraatu dhabu.
ISA 5:10 Iddoo dhaabaa wayinii cimdii kudhan irraa daadhii wayinii baadoosii tokko qofatu galfama; sanyii qoroosii tokkoo irraa midhaan iifii tokkoo qofatu galfama.”
ISA 5:11 Warra dhugaatii barbaachaaf ganamaan kaʼan, kanneen hamma daadhii wayiniitiin machaaʼanitti halkan dheereffataniif wayyoo.
ISA 5:12 Isaan cidha isaanii irratti baganaa, kiraaraa fi dibbee, ulullee fi daadhii wayinii qabu; garuu hojii Waaqayyootiif dhimma hin qaban; hojii harka isaatiifis ulfina hin kennan.
ISA 5:13 Kanaafuu sabni koo sababii hubannaa dhabeef boojiʼama; namoonni isaanii bebbeekamoon beelaan, uummanni isaaniis dheebuudhaan dhumu.
ISA 5:14 Kanaafuu Siiʼool garaa isaa balʼifatee afaan ofii isaa illee hamma malee banata; namoonni isaanii bebbeekamoonii fi uummanni isaanii warri wacanii fi warri gammadan hundis achi keessa buʼu.
ISA 5:15 Kanaafuu namni gad qabama; ilmaan namaa gad deebifamu; iji of tuultotaas lafa ilaala.
ISA 5:16 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu garuu murtii qajeelaa ofii isaatiin ol ol jedha; Waaqni qulqulluun qajeelummaa ofii isaatiin akka qulqulluu taʼe of argisiisa.
ISA 5:17 Yeroo sanatti hoolonni akkuma waan lafa dheeda isaanii keessa jiraniitti ni dheedu; xobbaallaawwan hoolaas iddoo sooreyyiin itti barbadaaʼan keessa dheedu.
ISA 5:18 Warra funyoo gowwoomsaatiin cubbuu, funyoo gaariitiinis hammina harkisan,
ISA 5:19 kanneen, “Waaqni haa ariifatu; akka nu arginuuf inni hojii ofii isaa haa saffisiisu, wanni kun haa dhiʼaatu; akka nu beeknuufis karoorri Qulqullicha Israaʼel haa dhufu” jedhaniif wayyoo.
ISA 5:20 Warra hamaadhaan gaarii, gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, kanneen ifaan dukkana, dukkanaan immoo ifa jedhaniif, warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo.
ISA 5:21 Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii, akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo.
ISA 5:22 Warra daadhii wayinii dhuguutti jabaa, dhugaatii walitti makuuttis goota taʼaniif,
ISA 5:23 warra mattaʼaa fudhatanii yakkamaa gad lakkisaniif, murtii nama balleessaa hin qabnee immoo jalʼisaniif wayyoo.
ISA 5:24 Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa cidii lafa irraa arraabu, akkuma okaan ibiddaan gubatee badu sana hiddi isaanii ni tortora; daraaraan isaaniis akkuma awwaaraa bittinnaaʼee bada; isaan seera Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu didanii dubbii Qulqullicha Israaʼel tuffataniiruutii.
ISA 5:25 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni bobaʼa; harki isaa ol kaʼee isaan rukuta. Tulluuwwan ni raafamu; reeffi isaaniis akkuma kosii daandii irratti gatamee taʼa. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas akkuma ol kaafametti jira.
ISA 5:26 Inni saboota fagoo jiraniif faajjii ol qaba; warra moggaa lafaa jiranitti ni siiqsa. Isaanis kunoo ariifatanii dafanii dhufu.
ISA 5:27 Isaan keessaa namni tokko iyyuu hin dadhabu yookaan hin gufatu; namni tokko iyyuu hin mugu yookaan hin rafu; sabbanni mudhii isaanii hin laafu; hidhaan kophee isaaniis hin citu.
ISA 5:28 Xiyyi isaanii qaramaa dha; iddaan isaanii hundi qopheeffameera; kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa qara qabuu ti; gommaan gaarii isaaniis akkuma bubbee hamaa ti.
ISA 5:29 Aaduun isaanii akkuma aaduu leencaa ti; isaan akkuma saafela leencaa aadu; yeroo waan adamsatan qabatanitti ni gururiʼu; isaan waan qabatan fudhatanii deemu; namni isaan harkaa buusuu dandaʼus hin jiru.
ISA 5:30 Gaafas isaan akkuma huursaa galaanaa waan sana irraa huursu. Namni tokko yoo biyya sana ilaale, inni dukkanaa fi rakkina arga; aduunis duumessaan dukkaneeffama.
ISA 6:1 Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge.
ISA 6:2 Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan.
ISA 6:3 Isaanis: “Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
ISA 6:4 Sagalee isaaniitiin hundeen dhaaba balbalaa ni raafame; manni qulqullummaas aaraan guutame.
ISA 6:5 Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.”
ISA 6:6 Suraafeloota keessaa inni tokko cilee bobaʼu kan qabduudhaan iddoo aarsaa irraa fuudhe tokko harkatti qabatee gara kootti barrise.
ISA 6:7 Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe.
ISA 6:8 Anis sagalee Gooftaa kan, “Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?” jedhu nan dhagaʼe. Kana irratti ani, “Kunoo anuu jira. Na ergi!” nan jedhe.
ISA 6:9 Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi: “ ‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan; arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’
ISA 6:10 Qalbii saba kanaa doomsi; gurra isaanii cuqqaali; ija isaaniis cufi. Yoo kanaa achii isaan ija ofii isaaniitiin arganii gurra isaaniitiin dhagaʼanii qalbii isaaniitiin hubatanii deebiʼanii fayyu.”
ISA 6:11 Ani, “Yaa Gooftaa, wanni kun hamma yoomiitti akkana taʼa?” nan jedhe. Innis akkana jedhee deebise: “Hamma magaalaawwan diigamanii nama isaan keessa jiraatu dhabanitti, hamma manneen onanii lafti qotiisaas barbadaaʼee duwwaa hafutti,
ISA 6:12 hamma Waaqayyo nama hunda fageessee lafti sun guutumaan guutuutti dagatamutti taʼa.
ISA 6:13 Kudhan keessaa tokko yoo hafe iyyuu, biyyi sun amma illee deebitee onti. Garuu akkuma mukni laaftootii fi qilxuu, yoo muran gufuun isaa latu sana akkasuma sanyiin qulqulluun gufuu taʼee achitti hafa.”
ISA 7:1 Bara Aahaaz ilmi Yootaam, ilmi Uziyaan Mootii Yihuudaa turetti, Reziin mootichi Sooriyaatii fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootichi Israaʼel Yerusaalemiin loluuf itti duulan; garuu ishee moʼachuu hin dandeenye.
ISA 7:2 Yeroo kanattis, “Sooriyaan Efreem wajjin tokkummaa uummatteerti” jedhanii mana Daawititti himan; kanaafuu garaan Aahaaziitii fi garaan saba isaa akkuma mukni bosonaa bubbeedhaan raafamu sana raafame.
ISA 7:3 Kana irratti Waaqayyo Isaayyaasiin akkana jedhe; “Atii fi ilmi kee Sheʼar-Yaashuub dhuma jalʼisii Haroo Ol aanuu kan karaa Lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu sana biratti Aahaazin simachuuf gad baʼaa.
ISA 7:4 Akkana jedhiin; ‘Of eeggadhu; calʼisi; hin sodaatin. Ati sababii gufuuwwan muka ibiddaa kanneen seeqaa jiran lamaan kanneeniitiif jechuunis sababii aarii Reziin kan Sooriyaatii fi aarii ilma Remaaliyaa hamaa sanaatiif jettee abdii hin kutatin.
ISA 7:5 Sooriyaan, Efreemii fi ilmi Remaaliyaa akkana jedhanii badiisa keetiif mariʼataniiru;
ISA 7:6 “Kottaa Yihuudaatti duullaa; kottaa ishee kukkunnee gargar qooddannaa; ilma Xaabiʼeelis ishee irratti moosifannaa.”
ISA 7:7 Taʼus Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Wanni kun hin raawwatu; wanni kun hin taʼu;
ISA 7:8 mataan Sooriyaa Damaasqoodhaatii; mataan Damaasqoo immoo Reziinii dha. Waggaa jaatamii shan keessatti, Efreem ni bittinnaaʼa; saba tokko taʼuun isaas ni hafa.
ISA 7:9 Mataan Efreem Samaariyaa dha; mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti. Isin yoo amantii keessaniin jabaattanii dhaabachuu baattan; yoom iyyuu hin dhaabattan.’ ”
ISA 7:10 Waaqayyo amma illee akkana jedhee Aahaazitti dubbate;
ISA 7:11 “Qilee akka malee gad fagoo keessatti yookaan samii akka malee ol fagoo keessatti, Waaqayyoon Waaqa kee mallattoo gaafadhu.”
ISA 7:12 Aahaaz garuu, “Ani hin gaafadhu; Waaqayyonis hin qoru” jedhe.
ISA 7:13 Isaayyaasis akkana jedhe; “Yaa mana Daawit mee dhagaʼaa! Isin obsa namaa qoruun isin hanqatee obsa Waaqa koo qortuu?
ISA 7:14 Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti.
ISA 7:15 Inni yeroo waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu beekutti itittuu fi damma nyaata.
ISA 7:16 Garuu utuu mucaan sun waan hamaa lagatee waan gaarii filachuu hin beekin dura biyyi mootota lamaan ati sodaatte sanaa ni ona.
ISA 7:17 Waaqayyo erga Efreem Yihuudaa irraa citee jalqabee bara takkumaa taʼee hin beekin tokko sitti, saba keettii fi mana Abbaa keetiitti ni fida; jechuunis mootii Asoor ni fida.”
ISA 7:18 Bara sana keessa Waaqayyo tisiisota burqaa laga Gibxi keessa jiranii fi kanniisota biyya Asoor siiqsee waama.
ISA 7:19 Hundi isaanii dhufanii dhooqa lafaa keessa, holqa kattaa keessa, daggala qoraattiitii fi boolla bishaanii hunda keessa qubatu.
ISA 7:20 Bara sana keessa Gooftaan haaduu laga gamaa kireeffateen jechuunis mootiin Asoor rifeensa mataa keessanii rifeensa miilla keessaniitii fi areeda keessan ni haada.
ISA 7:21 Bara sana keessa namni tokko goromsa tokkoo fi hoolaa lama qabaata.
ISA 7:22 Sababii baayʼina aannan isaan kennaniif, inni itittuu sooratu qabaata. Namni biyya sanatti hafu hundinuu itittuu fi damma nyaata.
ISA 7:23 Bara sana keessa, lafa mukkeen wayinii kumni tokko kanneen meetii saqilii kuma baasan jiran hunda irra sokorruu fi qoraattii qofatu jiraata.
ISA 7:24 Sababii lafti sun sokorruu fi qoraattiin guutameef, namoonni iddaa fi xiyya qabatan iyyuu achi dhaqu.
ISA 7:25 Ati sababii sokorruu fi qoraattii sodaattuuf siʼachi gara gaarran kanaan dura gasoon soqamaa turan sanaa hin dhaqxu; isaan lafa loon itti bobbaʼanii fi lafa hoolonni keessa burraaqan taʼu.
ISA 8:1 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’ jedhii qubee beekamaadhaan barreessi.”
ISA 8:2 Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa nan waammadha.
ISA 8:3 Anis raajittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi.
ISA 8:4 Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama.”
ISA 8:5 Waaqayyo ammas akkana jedhee natti dubbate:
ISA 8:6 “Sabni kun bishaan Shilooʼaa kan suuta yaaʼu sana dhiisee Reziinii fi ilma Remaaliyaatti gammadeeraatii;
ISA 8:7 kanaafuu Gooftaan, lolaa guddaa kan laga Efraaxiis jechuunis mootii Asoor ulfina isaa hunda wajjin saba kanatti fida. Lolaan sunis guutee boʼoo isaa irra yaaʼee ededa isaa hunda irra dhangalaʼa.
ISA 8:8 Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼee keessa darbuudhaan waan hundumaa haxaaʼee Yihuudaatti geessa. Yaa Amaanuʼel! Qoochoon isaa balʼifamee guutummaa biyya keetii ni haguuga.”
ISA 8:9 Yaa saboota, burkutaaʼaa! Isin warri biyya fagoo jirtan hundi dhaggeeffadhaa. Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa! Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!
ISA 8:10 Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu; karoorfadhaa; garuu fiixaan hin baʼu; Waaqni nu wajjin jiraatii.
ISA 8:11 Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii:
ISA 8:12 “Isin waan uummanni kun fincila jedhu hundaan fincila hin jedhinaa; waan isaan sodaatan hin sodaatinaa; hin raafaminaa.
ISA 8:13 Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu tokkicha; kan isin sodaachuu qabdan isuma; kan isin hollachuufii qabdanis isuma.
ISA 8:14 Inni iddoo qulqulluu taʼa; manneen Israaʼel lamaaniif garuu inni dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼa. Saba Yerusaalemitti garuu inni kiyyoo fi futtaasaa taʼa.
ISA 8:15 Hedduun isaanii ni gufatu; isaan kufanii caccabu; futtaasaa seenanii qabamu.”
ISA 8:16 Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi; seera kanas barattoota koo gidduutti chaappaadhaan cufi.
ISA 8:17 Waaqayyo mana Yaaqoob duraa fuula isaa dhokfate sana nan eeggadha. Ani isa nan amanadha.
ISA 8:18 Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya.
ISA 8:19 Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Waaqa isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu?
ISA 8:20 Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.
ISA 8:21 Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Waaqa isaanii abaaru.
ISA 8:22 Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu.
ISA 9:1 Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja.
ISA 9:2 Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera; warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.
ISA 9:3 Ati saba baayʼiftee gammachuu isaanii illee guddifteerta; isaan akkuma uummanni yeroo midhaan haamamutti gammadu sana, akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.
ISA 9:4 Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa, waanjoo isaanitti ulfaate somaa gatiittii isaanii irraa ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.
ISA 9:5 Kopheen loltuun ittiin duulte hundi, uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi ibiddaan gubama; qoraan ibiddaas taʼa.
ISA 9:6 Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama.
ISA 9:7 Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.
ISA 9:8 Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera; kunis Israaʼel irra buʼa.
ISA 9:9 Uummanni hundi, Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku; isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;
ISA 9:10 “Xuubiiwwan diigamaniiru; nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra; mukkeen harbuu murmuramaniiru; nu garuu birbirsa iddoo buusna.”
ISA 9:11 Kanaafuu Waaqayyo amajaajota Reziin isaanitti jabeesse; diinota isaanii illee isaanitti kakaase.
ISA 9:12 Warri Sooriyaa gama baʼaatiin, Filisxeemonni immoo gama lixaatiin afaan banatanii Israaʼelin liqimsan. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
ISA 9:13 Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine yookaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.
ISA 9:14 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta; damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;
ISA 9:15 maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha; raajonni soba barsiisan immoo eegee dha.
ISA 9:16 Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu; warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.
ISA 9:17 Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu; namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii; afaan hundinuus hamaa dubbata. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
ISA 9:18 Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa; inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa, bosona gobbuus ni qabata; akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.
ISA 9:19 Dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti ni gubatti; namoonnis qoraan ibiddaa taʼu; namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.
ISA 9:20 Karaa mirgaatiin ni butatu; garuu beela hin baʼan; karaa bitaatiin ni nyaatu; garuu hin quufan. Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;
ISA 9:21 Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata; isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
ISA 10:1 Warra seera jalʼaa baasan, kanneen labsii cunqursaa labsaniif wayyoo;
ISA 10:2 isaan murtii rakkattootaa jalʼisu; mirga hiyyeeyyii saba koos ni dhiibu; haadhota hiyyeessaa boojuu godhatu; ijoollee abbaa hin qabnes ni saamu.
ISA 10:3 Isin yeroo badiisni fagoodhaa dhufu guyyaa adabbiitti maal gootu? Gargaarsa argachuuf eenyutti baqattu? Qabeenya keessan eessatti dhiiftu?
ISA 10:4 Warra boojiʼaman jala gugguufuu yookaan warra ajjeefaman jalatti kufuu malee homtuu hin hafu. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
ISA 10:5 “Asooricha isa ulee aarii kootii taʼeef, isa bokkuun dheekkamsa kootii harka isaa jiruuf wayyoo!
ISA 10:6 Ani akka inni isaan saamuu fi boojiʼuuf akka inni akkuma dhoqqee karaa irraa lafatti isaan dhidhiituuf saba Waaqatti hin bulletti isa nan erga; uummata na aarsuttis isa nan ajaja.
ISA 10:7 Garuu kun waan inni yaadu miti; yaadni akkasiis garaa isaa keessa hin jiru; kaayyoon isaa barbadeessuu dha; saba baayʼees fixuu dha.
ISA 10:8 Innis akkana jedha; ‘Ajajjoonni koo hundinuu mootota mitii?
ISA 10:9 Kaalnoon akkuma Karkemiish mitii? Hamaati akkuma Arfaad mitii? Samaariyaanis akkuma Damaasqoo mitii?
ISA 10:10 Akkuma harki koo mootummoota waaqota tolfamoo kanneen fakkiiwwan soofamoo kan Yerusaalemii fi Samaariyaa caalan qabe sana,
ISA 10:11 ani waanan Samaariyaa fi fakkiiwwan ishee godhe sana Yerusaalemii fi waaqota ishee tolfamoo hin godhuu?’ ”
ISA 10:12 Gooftaan yeroo Tulluu Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti hojii isaa hunda fixatutti akkana jedha; “Ani sababii of jajuu garaa isaatii fi ilaalcha isaa kan of tuulummaan guutame sanaatiif jedhee mooticha Asoor nan adaba.
ISA 10:13 Inni akkana jedhaatii: “ ‘Ani jabina harka kootiin waan kana hojjedheera; ani sababiin hubannaa qabuuf, ogummaa kootiin hojjedheera. Ani daangaa sabootaa iddoodhaa buqqiseera; qabeenya isaanii illee saameera. Akkuma nama jabaa tokkoo ani mootota isaanii of jala galfadheera.
ISA 10:14 Akkuma namni tokko manʼee simbiraa keessa harka kaaʼu sana anis harka koo qabeenya sabootaa keessa nan kaaʼa; akkuma namoonni hanqaaquu dagatame walitti qaban sana, anis biyya hunda walitti nan qabe; kan qoochoo hurgufate, yookaan wacuuf afaan banate tokko iyyuu hin turre.’ ”
ISA 10:15 Qottoon nama ittiin waa murutti ni kooraa? Yookaan wanni ittiin waa muran nama itti fayyadamutti of jajaa? Kunis akka waan uleen tokko nama isa qabatutti of mirmirsuu ti; yookaan akkuma bokkuun tokko akka waan muka hin taʼiniitti ol of guddisuu ti!
ISA 10:16 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, loltoota gagabbatan kanatti dhukkuba nama huqqisu ni erga; ulfina isaa jalaanis ibiddi tokko akkuma arraba ibiddaa ni qabsiifama.
ISA 10:17 Ifni Israaʼel ibidda, Qulqullichi isaanii sunis arraba ibiddaa taʼa; ibiddi sun guyyuma tokkoon qoraattii isaatii fi sokorruu isaa gubee balleessa.
ISA 10:18 Akkuma namni tokko yeroo dhukkubsatu huqqatu sana, ibiddi sun ulfina bosonaa isaatii fi lafa qotiisaa gabbataa, lubbuu fi foonis ni barbadeessa.
ISA 10:19 Mukkeen bosona isaa keessatti hafan waan akka malee muraasa taʼaniif mucaan tokko galmeessuu ni dandaʼa.
ISA 10:20 Bara sana keessa hambaan Israaʼel, mana Yaaqoob keessaa warri hafan, dhugumaan Waaqayyo Qulqullicha Israaʼel abdatu malee lammata isa isaan dhaʼe sana hin abdatan.
ISA 10:21 Hambaan tokko, hambaan Yaaqoob gara Waaqa Jabaa sanaatti ni deebiʼa.
ISA 10:22 Yaa Israaʼel, yoo sabni kee akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu, hambaa qofatu deebiʼa. Badiisni qajeelummaadhaan guutame labsameera.
ISA 10:23 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu badiisa lafa hundatti labsame ni raawwata.
ISA 10:24 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaa saba koo warri Xiyoon keessa jiraattan, warra Asoor kanneen uleedhaan isin rukutan, kanneen akkuma warra Gibxi bokkuu ol isinitti fudhatan hin sodaatinaa.
ISA 10:25 Aariin ani isinitti aare dafee qabbanaaʼa; dheekkamsi koos isaan balleessuuf itti garagala.”
ISA 10:26 Waaqayyon Waan Hunda Dandaʼu sun, akkuma kattaa Hereeb biratti Midiyaanin qacceen garafe sana, akkuma biyya Gibxi keessatti godhe sana, ulee isaa bishaan irratti ol fudhata.
ISA 10:27 Gaafas baʼaan isaanii gatiittii keessan irraa, waanjoon isaaniis morma keessan irraa fuudhama; waan isin akka malee gabbattaniif waanjoon ni caccaba.
ISA 10:28 Isaan gara Ayyati seenan; Migroon keessa baʼan; nyaataa fi hidhata isaaniis Mikmaas keessatti kuuftan.
ISA 10:29 Isaan karaa qalʼaa irra baʼanii, “Nu Gebaa qubannee bulla” jedhan. Raamaan ni sodaatti; Gibeʼaan Saaʼolis ni baqatti.
ISA 10:30 Yaa intala Galiim, iyyi! Yaa Laayishaa dhaggeeffadhu! Yaa Anaatoot deebii isheef kenni!
ISA 10:31 Maadmenaan baqataa jirti; uummanni Geebiimis baqachuuf walitti qabama.
ISA 10:32 Isaan harʼa Noob gaʼu; isaan tulluu Intala Xiyoonitti, gaara Yerusaalemitti harka isaanii raasu.
ISA 10:33 Kunoo Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, humna guddaadhaan dameewwan murmura; mukkeen gurguddaan ni cicciramu; mukkeen dhedheeroonis gad qabamu.
ISA 10:34 Inni bosona gobbuu qottoodhaan cira; Libaanoonis fuula Waaqa Jabaa duratti kufa.
ISA 11:1 Lataan tokko jirma Isseey irraa ni lata; hidda isaa irraas dameen tokko ija naqata.
ISA 11:2 Hafuurri Waaqayyoo, Hafuurri ogummaatii fi hubannaa, Hafuurri gorsaatii fi humnaa, Hafuurri beekumsaatii fi kan Waaqayyoon sodaachuu isa irra qubata;
ISA 11:3 inni Waaqayyoon sodaachuutti ni gammada. Inni waanuma iji isaa arguun murtii hin kennu; yookaan waanuma gurra isaatiin dhagaʼuun hin murteessu;
ISA 11:4 garuu nama rakkataaf qajeelummaadhaan murteessa; hiyyeeyyii lafa irraatiifis murtii qajeelaadhaan murtii kenna. Inni ulee afaan isaatiin lafa rukuta; hafuura afaan isaatii baʼuun hamoota ni fixa.
ISA 11:5 Qajeelummaan teepha mudhii isaa ti; amanamummaan immoo sabbata mudhii isaa ti.
ISA 11:6 Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin jiraata; qeerransi ilmoo reʼee bira ciisa; jabbiin, leencii fi horiin gabbataan walii wajjin bobbaʼu; mucaan xinnaan isaan bobbaasa.
ISA 11:7 Saan amaaketa wajjin soorata; ilmaan isaanii wal cina ciciisu; leencis akka sangaa cidii nyaata.
ISA 11:8 Daaʼimni boolla bofaa irra taphata; mucaan xinnaan boolla buutii keessa harka kaaʼa.
ISA 11:9 Isaan tulluuwwan koo qulqulloota hunda irratti waa hin miidhan yookaan waa hin balleessan; akkuma bishaan galaana guutu sana lafti Waaqayyoon beekuudhaan guutamtiitii.
ISA 11:10 Bara sana keessa hiddi Isseey akkuma faajjiitti uummataaf dhaabata; saboonni gara isaatti walitti qabamu; lafti inni boqotus ulfina qabeessa taʼa.
ISA 11:11 Gaafas Gooftaan yeroo lammaffaaf harka isaa diriirsee Asoor irraa, Gibxi Gadii irraa, Gibxi Olii irraa, Itoophiyaa irraa, Eelaam irraa, Baabilon irraa, Hamaatii fi biyyoota bishaan gidduu galaanaa irraa hambaawwan saba isaa walitti qabata.
ISA 11:12 Inni sabootaaf faajjii ol kaasee boojiʼamtoota Israaʼel walitti qaba; inni roga laafaa afran irraa saba Yihuudaa kan bittinnaaʼee ture walitti qaba.
ISA 11:13 Hinaaffaan Efreem ni bada; diinonni Yihuudaas ni barbadeeffamu; Efreem gaafas Yihuudaatti hin hinaafu; yookaan Yihuudaan Efreemitti hin hammaatu.
ISA 11:14 Isaan karaa lixa biiftuutiin gatiittii Filisxeemitti gad buʼu; tokko taʼaniis uummata baʼa biiftuu saamu. Isaan Edoomii fi Moʼaabin qabatu; warri Amoonis isaan jalatti bulu.
ISA 11:15 Waaqayyo guutumaan guutuutti, galoo galaana Gibxi ni gogsa; inni bubbee isaa kan nama waxaluun harka isaa laga Efraaxiis irra sochoosa. Akka namoonni kopheen ceʼaniifis inni laga torbatti gargar isa qooda.
ISA 11:16 Akkuma gaafa isaan Gibxii baʼan Israaʼeliif taʼe sana, hambaa saba isaa kan Asoor irraa hafeef karaan guddaan ni argama.
ISA 12:1 Ati gaafas akkana jetta: “Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte; aariin kees narraa deebiʼeera; na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.
ISA 12:2 Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti; ani isa nan abdadha; hin sodaadhus. Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.”
ISA 12:3 Isin burqaa fayyinaa keessaa gammachuudhaan bishaan waraabbattu.
ISA 12:4 Isin bara sana keessa akkana jettu: “Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa; waan inni hojjete sabootatti beeksisaa; akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.
ISA 12:5 Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa; wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.
ISA 12:6 Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatii sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”
ISA 13:1 Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge:
ISA 13:2 Tulluu homaa itti hin biqilin irratti faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa; akka isaan karra namoota bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa.
ISA 13:3 Ani qulqulloota koo ajajeera; akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan waammadheera.
ISA 13:4 Waca tulluuwwan irraa, kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa! Guungummii mootummootaa kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira!
ISA 13:5 Isaan biyya fagoodhaa daarii samiiwwaniitii dhufan; Waaqayyoo fi miʼa lolaa kan dheekkamsa isaatiin guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu.
ISA 13:6 Waan guyyaan Waaqayyoo dhiʼaateef booʼaa; guyyaan sun akkuma badiisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa.
ISA 13:7 Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa; onneen nama hundaas ni baqa.
ISA 13:8 Sodaan isaan qabata; dhukkubbii fi gaddi isaan qabata; akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu. Isaan rifatanii wal ilaalu; fuulli isaanii akka ibiddaa diimata.
ISA 13:9 Kunoo guyyaan Waaqayyoo, guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan, lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan barbadeessuuf ni dhufa.
ISA 13:10 Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii ifa isaanii hin kennan. Aduun baatu ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu.
ISA 13:11 Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif, hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba. Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa; of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa.
ISA 13:12 Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa, warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha.
ISA 13:13 Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha; gaafa aariin isaa bobaʼutti dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti iddoo isheetii ni raafamti.
ISA 13:14 Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu, akkuma hoolota tiksee hin qabnee gara saba isaatti deebiʼa; namni kam iyyuu biyya isaatti baqata.
ISA 13:15 Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama; kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa.
ISA 13:16 Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu; manneen isaanii ni saamamu; niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.
ISA 13:17 Kunoo ani warra Meedee kanneen meetii irraa dhimma hin qabne warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa.
ISA 13:18 Iddaan isaanii dargaggoota fixxi; isaan daaʼimmaniif hin naʼan; ijoolleefis garaa hin laafan.
ISA 13:19 Baabilon ulfinni moototaa, miidhaginni of jaja warra Baabilon akkuma Sodoomii fi Gomoraa irree Waaqaatiin garagalfamti.
ISA 13:20 Namni ishee keessa hin qubatu; yookaan dhaloota hunda keessatti namni ishee keessa hin jiraatu; namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu; tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.
ISA 13:21 Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu; waangoowwan mana ishee ni guutu; urunguun achi jiraatti; reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi.
ISA 13:22 Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa; waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa keessaa iyyiti. Yeroon ishee gaʼeera; barri ishees hin dheeratu.
ISA 14:1 Waaqayyo Yaaqoobiif garaa ni laafa; inni amma illee Israaʼelin filatee biyya isaanii keessa isaan qubachiisa. Ormoonni isaanitti dabalamu; mana Yaaqoob wajjinis tokko taʼu.
ISA 14:2 Saboonni isaan fudhatu; iddoo ofii isaaniitti isaan deebisu. Manni Israaʼel immoo akkuma hojjettoota dhiiraa fi dubartiitti lafa Waaqayyoo keessatti dhaala godhanii isaan fudhatu. Isaan boojitoota isaanii boojiʼanii warra isaan hacuucanis bulchu.
ISA 14:3 Guyyaa Waaqayyo itti dhiphina, rakkinaa fi hojii hamaa isin itti garboomfamtanii turtan sana jalaa isin boqochiisutti,
ISA 14:4 akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta: Cunqursichi akkamitti bade! Aariin isaas akkamitti isa irraa gale!
ISA 14:5 Waaqayyo ulee hamootaatii fi bokkuu bulchitootaa,
ISA 14:6 kan dheekkamsa wal irraa hin cinneetiin uummata rukute; kan gara laafina tokko malee ariʼee saboota dhaʼe sana caccabseera.
ISA 14:7 Lafti hundi boqonnaa fi nagaa argatti; faarfachuuttis kaati.
ISA 14:8 Gaattiraawwanii fi birbirsawwan Libaanoon iyyuu isinitti burraaqanii, “Amma ati kufteerta; namni tokko iyyuu nu muruuf hin dhufu” jedhu.
ISA 14:9 Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati; isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii, warra addunyaa irratti hooggantoota turanii hunda dammaqsiteerti; isheen warra mootota sabootaa turan hunda teessoo isaanii irraa kaafti.
ISA 14:10 Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu; “Atis akkuma keenya dadhabdeerta; akkuma keenya taateerta.”
ISA 14:11 Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjin awwaala keessa buufameera; ilmaan raammoo si jala afamanii raammoon si haguugdi.
ISA 14:12 Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! Ati kan duraan saboota gad qabde, lafatti gad darbatamteerta!
ISA 14:13 Ati garaa keetti akkana jette; “Ani samiitti olin baʼa; ani urjiiwwan Waaqaatii olitti teessoo koo olin baafadha; ani tulluu wal gaʼii irra, fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa.
ISA 14:14 Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.”
ISA 14:15 Garuu ati siiʼool keessa, boolla qilee keessa buufamteerta.
ISA 14:16 Warri si argan ija babaasanii si ilaalu; akkana jedhaniis dinqisiifatu: “Kun namichuma lafa sochoosee akka mootummoonni raafaman godhe,
ISA 14:17 namicha addunyaa kana gammoojjii godhe, kan magaalaawwan ishee gaggaragalchee akka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?”
ISA 14:18 Mootonni sabootaa hundi, ulfinaan awwaala isaanii keessa ciciisaniiru.
ISA 14:19 Ati garuu akkuma damee jibbame tokkootti, awwaala kee keessaa baafamtee gatamteerta; ati warra ajjeefamaniin, warra goraadeen waraanamaniin, warra gara dhagaa boollaatti gad buʼaniin haguugamteerta. Akkuma reeffaa miillaan dhidhiitamteerta;
ISA 14:20 ati sababii biyya kee balleessitee namoota kee fixxeef, isaan gidduutti hin awwaalamtu. Maqaan sanyii hamootaa lammata hin dhaʼamu.
ISA 14:21 Sababii cubbuu abbootii isaaniitiif iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa; isaan biyya dhaaluudhaaf, magaalaawwan isaaniitiinis lafa guutuuf hin kaʼan.
ISA 14:22 “Ani isaanitti nan kaʼa,” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Ani Baabilon keessaa maqaa isheetii fi hambaa ishee, ilmaan isheetii fi sanyii ishee nan balleessa” jedha Waaqayyo.
ISA 14:23 “Ani iddoo urunguun keessa jiraattuu fi lafa caffee ishee nan godha; ani hartuu badiisaatiin ishee nan haxaaʼa” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
ISA 14:24 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhee kakateera; “Dhugumaan akkuma ani duraan karoorfadhe sana wanni kun ni taʼa; akkuma ani yaade sanas ni dhaabata.
ISA 14:25 Ani biyya koo keessatti Asoorota nan barbadeessa; tulluuwwan koo irratti ani isa gad dhidhiita. Waanjoon isaa saba koo irraa ni fuudhama; baʼaan isaas gatiittii isaanii irraa ni buʼa.”
ISA 14:26 Karoorri guutummaa addunyaatiif murtaaʼe kanaa dha; kun harka saboota hunda irratti diriirfamee dha.
ISA 14:27 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu waan kana yaadeeraatii, eenyutu isa garagalcha? Harki isaa diriirfameeraa; eenyutu duubatti isa deebisuu dandaʼa?
ISA 14:28 Raajiin kun bara Aahaaz mootichi duʼe keessa dhufe:
ISA 14:29 Yaa Filisxeemota, uleen isin dhaʼe waan cabeef, isin hundinuu hin gammadinaa; hidda bofa sanaa keessaa buutiitu baʼa; iji isaa bofa darbatamaa summii qabu ni taʼa.
ISA 14:30 Hiyyeessi gadadamaan iddoo itti bobbaʼu argata; rakkataanis nagaadhaan ciisa. Hidda kee garuu ani beelaan nan barbadeessa; beellis hambaa kee ni fixa.
ISA 14:31 Yaa karra, ati booʼi! Yaa magaalaa, iyyi! Filisxeemonni hundi baqaatii badaa! Duumessi aaraa tokko karaa kaabaatiin ni dhufa; raayyaa waraana isaa keessas kan citee hafu tokko iyyuu hin jiru.
ISA 14:32 Ergamoota saba sanaatiif deebii akkamiitu kennamuu mala? “Waaqayyo jabeessee Xiyoonin dhaabeera; ishee keessattis namoonni isaa kanneen miidhaman daʼannoo ni argatu.”
ISA 15:1 Raajii waaʼee Moʼaab: Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti! Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti!
ISA 15:2 Diiboon gara mana qulqullummaatti, iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa; Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa. Mataan hundinuu haadamaa dha; areedni hundinuus cicciramaa dha.
ISA 15:3 Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu; bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti hundi isaanii ni booʼu; imimmaan isaaniis ni dhangalaasu.
ISA 15:4 Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu; sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame. Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu; lubbuun isaaniis ni romʼite.
ISA 15:5 Garaan koo Moʼaabiif iyya; kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti, hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu. Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu; karaa Hooronaayim irrattis, waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu.
ISA 15:6 Bishaanonni Niimriim goganiiru; margis coollageera; biqiltuuwwan lafaa badaniiru; wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne.
ISA 15:7 Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu.
ISA 15:8 Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame; wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame.
ISA 15:9 Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru; ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida; warra Moʼaab keessaa baqatan kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga.
ISA 16:1 Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraa bulchaa biyyattiitiif, gara tulluu Intala Xiyoonitti xobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa.
ISA 16:2 Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamtee asii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabis malkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu.
ISA 16:3 “Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa. Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessan akkuma halkanii dukkaneessaa. Baqattootas dhoksaa; kooluu galtoota hin ganinaa.
ISA 16:4 Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan; balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa.” Cunqursaan ni bada; badiisnis ni hafa; warri nama miidhan lafa irraa badu.
ISA 16:5 Teessoon jaalalaan hundeeffama; mana Daawit keessaa namni murtii kennuu irratti murtii qajeelaa barbaadu, kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokko amanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa.
ISA 16:6 Nu of tuulummaa Moʼaab, of guddisuu fi kooruu ishee, of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra; of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu.
ISA 16:7 Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu; isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu. Namoota Qiir Hareeshetiif faarsanii booʼuudhaan gaddu.
ISA 16:8 Lafti qotiisaa Heshboon, mukni wayinii Sibimaas coollageera. Bulchitoonni sabootaa mukkeen wayinii filatamoo kanneen duraan Yaʼizeerin gaʼanii gara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru. Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire.
ISA 16:9 Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana, mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa. Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee, ani imimmaan kootiin sin jiisa! Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii fi gammachuun yeroo midhaan siif haamamu ture sun hafeera.
ISA 16:10 Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru; namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessatti hin faarfatu yookaan hin ililchu: sababii ani ilillee balleesseef namni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru.
ISA 16:11 Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa; keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa.
ISA 16:12 Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte, isheen ofuma dadhabsiifti; yoo kadhannaaf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxe kunis faayidaa tokko illee hin qabu.
ISA 16:13 Kun dubbii Waaqayyo duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha.
ISA 16:14 Waaqayyo garuu amma akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu.”
ISA 17:1 Raajii Damaasqoodhaan mormu: “Kunoo, Damaasqoon tuullaa diigamte taati malee siʼachi magaalaa hin taatu.
ISA 17:2 Magaalaawwan Aroʼeer ni onu; bushaayeen achi ciciisu; wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
ISA 17:3 Magaalaan jabeeffamtee ijaaramte Efreem keessaa, humni mootummaas Damaasqoo keessaa ni bada; hambaan Sooriyaa akka ulfina Israaʼelootaa taʼa” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
ISA 17:4 “Bara sana keessa ulfinni Yaaqoob gad deebiʼa; furdinni dhagna isaas ni huqqata.
ISA 17:5 Akkuma namni midhaan haamu tokko, midhaan dhaabbatu walitti qabee irree isaatiin haamu sana kunis akkuma yeroo namni tokko Sulula Refaayim keessaa qarmii funaanuu ni taʼa.
ISA 17:6 Taʼus akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuutti, qarmii guuruun amma iyyuu jira; fiixee ol aanu irratti gumaa lama yookaan sadiitu hafa; damee gad aanu irratti gumaa afur yookaan shantu hafa” jedha Waaqayyo, Waaqni Israaʼel.
ISA 17:7 Gaafas namoonni gara Uumaa isaanii ilaalu; ija isaaniis gara Qulqullicha Israaʼel deebifatu.
ISA 17:8 Isaan gara iddoo aarsaa, gara hojii harka isaanii hin ilaalan; isaan galma waaqeffannaa Aasheeraa, iddoo aarsaa ixaanaa kan quba isaaniitiin tolchanis wayittuu hin lakkaaʼan.
ISA 17:9 Gaafas magaalaawwan jajjaboon isaan sababii Israaʼelootaatiif keessaa baʼan sun akkuma lafa bosona keessaa kan namni dhiisee deemee taʼu. Hundi ni onu.
ISA 17:10 Ati Fayyisaa kee, Waaqa irraanfatteerta; ati kattaa, daʼoo kee hin yaadanne. Kanaafuu yoo biqiltuu akka malee gaarii dhaabbattee muka wayinii kan alaa dhufe biqilfatte iyyuu,
ISA 17:11 yoo guyyuma dhaabde sana akka inni biqilu goote iyyuu ganama yeroo dhaabdetti akka inni daraaru goota; garuu guyyaa dhukkubaa fi dhibee hin fayyineetti wayinichi homaa hin fayyadu.
ISA 17:12 Saboota baayʼee kanneen aaraniif wayyoo! Isaan akkuma galaana aaruutti aaru! Saboota wacaniif wayyoo! Isaan akkuma bishaan guddaan huursutti huursu.
ISA 17:13 Saboonni akkuma huursaa bishaan cabsee deemuu yoo huurse iyyuu yommuu inni isaanitti dheekkamu isaan baqatanii badu; akkuma habaqiin tulluu irraa fuula bubbee dura ariʼamu, akkuma awwaarri fuula bubbee hamaa duraa bittinnaaʼu isaan ni bittinnaaʼu.
ISA 17:14 Galgala sodaan akkuma tasaa isaan qabatti! Isaan utuu lafti hin bariʼin ni dhabamu! Kun qooda warra nu boojiʼee, hiree warra nu saamee ti.
ISA 18:1 Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaa kan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo;
ISA 18:2 isheen galaana irra, bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti. Yaa ergamoota ariifattoota, gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu, gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa.
ISA 18:3 Isin uummanni addunyaa hundi, warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irratti ol qabamu ni argitu; yeroo malakanni afuufamus inuma dhageessu.
ISA 18:4 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu, akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitti calʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala.”
ISA 18:5 Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraaree daraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼutti inni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira; damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa.
ISA 18:6 Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fi bineensota bosonaatiif dhiifamu; allaattiin bona guutuu, bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu.
ISA 18:7 Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa, saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa, saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama; kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan Waaqayyo Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama.
ISA 19:1 Raajii Gibxiin mormu: kunoo Waaqayyo duumessa saffisaa yaabbatee gara Gibxi dhufaa jira. Waaqonni Gibxi tolfamoon fuula isaa duratti hollatu; garaan warra Gibxis isaan keessatti baqa.
ISA 19:2 “Ani warra Gibxi walitti nan naqa; obboleessi obboleessa isaa, ollaan ollaa isaa, magaalaan tokko magaalaa kaan, mootummaanis mootummaa kaan lola.
ISA 19:3 Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama; anis karoora isaanii nan fashaleessa; isaanis waaqota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu.
ISA 19:4 Anis dabarsee warra Gibxi humna gooftaa garaa jabaatu tokkootti nan kenna; mootiin hamaan tokkos isaan ni bulcha” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
ISA 19:5 Bishaanonni galaanaa ni gogu; lagni isaas ni hirʼata; ni gogas.
ISA 19:6 Burqaawwan isaa ni ajaaʼu; lageen Gibxiis qalʼatanii gogu. Shambaqqoo fi dhallaadduun ni coollagu;
ISA 19:7 biqiltuuwwan ededa Abbayyaa, kanneen qarqara lagichaa jiranis ni coollagu. Wanni laga Abbayyaa biratti facaafame hundi ni goga; bubbeedhaan fudhatama; deebiʼees hin argamu.
ISA 19:8 Qurxummii qabdoonni, warri hokkoo Abbayyaa keessa buusan hundi aadanii booʼu; warri kiyyoo bishaanitti darbatanis ni dadhabu.
ISA 19:9 Warri quncee talbaa iddame qopheessan, wayyaa dhooftonnis abdii kutatu.
ISA 19:10 Warri wayyaa dhaʼan mataa buusu; warri mindaadhaan hojjetan hundis ni gaddu.
ISA 19:11 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota; gorsitoonni Faraʼoon ogeeyyiinis gorsa faayidaa hin qabne kennu. Isin akkamitti Faraʼooniin, “Ani namoota ogeeyyii keessaa tokkoo dha; ani barataa mootota durii ti” jechuu dandeessu?
ISA 19:12 Namoonni keessan ogeeyyiin amma eessa jiru? Mee isaan waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Gibxiin mormuudhaan karoorfate; isinitti haa himan; haa beeksisanis.
ISA 19:13 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota taʼaniiru; bulchitoonni Memfiis gowwoomfamaniiru; gurguddoonni saba ishee Gibxiin karaa irraa jalʼisaniiru.
ISA 19:14 Waaqayyo hafuura nama hadoochu isaanitti dhangalaaseera; isaan akkuma machaaʼaan tokko hoqqisaa gatantaru sana biyya Gibxi waan isheen hojjettu hunda keessatti gatantarsan.
ISA 19:15 Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii yookaan shambaqqoon, Gibxiif gochuu dandaʼan tokko iyyuu hin jiru.
ISA 19:16 Bara sana warri Gibxi akka dubartii taʼu. Harka ol kaʼe kan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti ol fudhatu sana arganii sodaan ni hollatu.
ISA 19:17 Biyyi Yihuudaas warra Gibxi ni naasisa; namni maqaan Yihuudaa biratti dhaʼamu hundinuu sababii waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti karoorfachaa jiru sanaatiif ni naʼa.
ISA 19:18 Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti.
ISA 19:19 Gaafas wiirtuu Gibxi keessatti iddoon aarsaa tokko Waaqayyoof ni hojjetama; daangaa biyyattii irrattis siidaan tokkoo Waaqayyoof ni dhaabama.
ISA 19:20 Kunis biyya Gibxi keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf mallattoo fi dhuga baʼumsa taʼa. Yeroo isaan sababii cunqursitoota isaaniitiif gara Waaqayyootti iyyatanitti, inni fayyisaa fi baraaraa tokko ergeefii isaan oolcha.
ISA 19:21 Kanaafuu Waaqayyo warra Gibxitti of beeksisa; isaanis gaafas Waaqayyoon ni beeku. Isaanis qalmaa fi kennaa midhaaniitiin waaqeffatu; Waaqayyoofis ni wareegu; wareega sanas ni baafatu.
ISA 19:22 Waaqayyo biyya Gibxi ni rukuta; rukutees ni fayyisa. Isaan gara Waaqayyootti ni deebiʼu; innis kadhannaa isaaniitiif deebii kennee isaan fayyisa.
ISA 19:23 Gaafas Gibxii hamma Asooritti karaa guddaa tokkotu jiraata. Warri Asoor gara Gibxi, warri Gibxis gara Asoor ni dhaqu. Warri Gibxii fi warri Asoor walii wajjin ni waaqeffatu.
ISA 19:24 Israaʼel bara sana keessa Gibxii fi Asooritti dabalamtee sadaffaa taati; kunis lafa irratti eebba taʼa.
ISA 19:25 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼus, “Gibxi sabni koo, Asoor hojiin harka kootii fi Israaʼel dhaalli koo haa eebbifaman” jedhee isaan eebbisa.
ISA 20:1 Bara ajajaan muummichi Sargoon mooticha Asooriin ergame sun gara Ashdood dhufee lolee ishee qabate sana keessa,
ISA 20:2 yeroodhuma sanatti Waaqayyo karaa Isaayyaas ilma Amoosiitiin dubbate. Innis, “Uffata gaddaa dhagna kee irraa, kophees miilla kee irraa baasi” jedheen. Innis akkasuma godhe; qullaa fi miilla duwwaa asii fi achi deeme.
ISA 20:3 Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Akkuma garbichi koo Isaayyaas, akka Gibxii fi Itoophiyaaf mallattoo fi akeekkachiisa taʼuuf jedhee waggaa sadii qullaa fi miilla duwwaa deeme sana,
ISA 20:4 akkasuma mootiin Asoor boojiʼamtoota Gibxii fi baqattoota Itoophiyaa dargaggeessaa fi jaarsa, qullaa fi miilla duwwaa hambisee teessuma isaanii illee qullaa godhee fudhatee deeme; kun warra Gibxiitiif qaanii dha.
ISA 20:5 Warri Itoophiyaa amanatanii Gibxiin boonan ni sodaatu; ni qaanaʼus.
ISA 20:6 Gaafas warri qarqara galaanaa irra jiraatan akkana jedhu; ‘Warra nu itti irkanne, warra mooticha Asoor jalaa nu baasu jennee gargaarsaaf itti baqanne sana irra waan gaʼe mee ilaalaa! Yoos nu akkamitti jalaa baʼuu dandeenya?’ ”
ISA 21:1 Raajii Gammoojjii Galaana bira jirtuun mormu: Akkuma bubbeen hamaan biyya kibbaa haxaaʼu sana, weeraraan tokko gammoojjiidhaa, biyya sodaachisaa keessaa ni dhufa.
ISA 21:2 Mulʼanni hamaan tokko natti mulʼateera: gantuun ni ganti; saamtuunis ni saamti. Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedee marsii qabi! Ani aaduu isheen fidde hunda nan xumura.
ISA 21:3 Kana irratti dugdi na cite; akkuma dubartii ciniinsifattuu muddamni na qabe; ani waanan dhagaʼeen nan holladhe; waanan argeenis nan raafame.
ISA 21:4 Qalbiin koo ni raafame; sodaan na hollachiise; dimimmisni ani hawwe sun sodaatti na jalaa geeddarame.
ISA 21:5 Isaan maaddii qopheessu; afaa diriirsu; ni nyaatu, ni dhugu! Isin qondaaltonni kaʼaa; gaachanas zayitii dibaa.
ISA 21:6 Gooftaan akkana naan jedha: “Dhaqiitii eegduu tokko ramadi; innis waan argu haa himu.
ISA 21:7 Inni yommuu warra farda yaabbatan kanneen lama lamaan yaaʼan, warra harree yaabbatan yookaan warra gaala yaabbatan argutti, haa dammaqu; guutumaan guutuutti haa dammaqu.”
ISA 21:8 Eegduun sunis akkana jedhee iyye; “Yaa gooftaa ko, ani guyyuma guyyaan qooxii eegumsaa irra nan dhaabadha; halkan hundas ani hojii koo irra nan tura.
ISA 21:9 Kunoo, warri farda yaabbatan, lama lamaan dhufaa jiru; inni akkana jedhee deebise: ‘Baabilon jigdeerti; jigdeerti! Fakkiiwwan waaqota ishee hundinuu burkutaaʼanii lafa dhaʼaniiru!’ ”
ISA 21:10 Yaa saba koo warra oobdii midhaanii irratti dhaʼamtan, ani waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Waaqa Israaʼel irraa dhagaʼe isinittin hima.
ISA 21:11 Raajii Duumaan mormu: Namni tokko Seeʼiirii na waamee, “Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe? Yaa eegduu, halkan kun bariʼuuf hammamtu hafe?” jedhe.
ISA 21:12 Eegduun sunis, “Bariʼuu gaʼeera; garuu deebiʼee dhiʼa. Yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa; garuu deebiʼaa kottaa” jedhee deebisa.
ISA 21:13 Raajii biyya Arabaatiin mormu: Isin imaltoonni Dedaan kanneen bosona Arabaa keessa qubattan,
ISA 21:14 warra dheeboteef bishaan fidaa; isin warri Teemaa keessa jiraattan, baqattootaaf waan nyaatan fidaa.
ISA 21:15 Isaan goraadee jalaa, goraadee luqqifame jalaa, xiyya aggaamame jalaa, hoʼa waraanaa jalaa baqataniiruutii.
ISA 21:16 Gooftaan akkana naan jedhe: “Akkuma waggoota hojjetaa qaxaramaa tokkootti ulfinni Qeedaar hundinuu waggaa tokko keessatti ni dhuma.
ISA 21:17 Warra xiyya darbatan keessaa kanneen hafan, gootonni Qeedaar muraasa taʼu.” Waaqayyo Waaqni Israaʼel dubbateeraatii.
ISA 22:1 Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa: Amma maaltu isin rakkisee isin hundi fiixee manaatti ol baatan?
ISA 22:2 Yaa magaalaa wacaan guutamte, yaa magaalaa jeeqamtuu fi fandalaltuu, namoonni si jalaa qalaman goraadeedhaan hin ajjeefamne yookaan waraana keessatti hin dhumne.
ISA 22:3 Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan; isaan utuma xiyya hin darbatin qabaman. Isin utuma diinni fagoo jiruu baqattan iyyuu warri qabamtan hundi walumaan mana hidhaatti galfamtaniirtu.
ISA 22:4 Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa; ani hiqqifadhee nan booʼa. Badiisa saba koo irratti na jajjabeessuu hin yaalinaa” nan jedhe.
ISA 22:5 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Sulula Mulʼataa keessatti, guyyaa jeequmsaa, dhidhiitamuutii fi burjaajii, akkasumas guyyaa itti dallaa diiguutii fi tulluuwwanittis iyyuu qaba.
ISA 22:6 Eelaam manʼee xiyyaa qabattee gaariiwwanii fi abbootii fardaa fudhattee baati; Qiiris gaachana ishee qabatti.
ISA 22:7 Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru; abbootiin fardaas karra magaalattii irratti ramadamaniiru.
ISA 22:8 Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera. Atis gaafas miʼa lolaa kan Masaraa Bosonaa keessa jiru sana abdatta.
ISA 22:9 Dallaan Magaalaa Daawit karaa baayʼee akka urame argitaniirtu; Haroo Gad aanaa keessattis bishaan kuufattaniirtu.
ISA 22:10 Isin manneen Yerusaalem lakkooftan; dallaa ishee dhagaa jabeessuuf jettaniis manneen sana diigdan.
ISA 22:11 Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduutti kuusaa bishaanii tolchitan; garuu isin gara Isa waan sana hojjetee hin ilaalle; yookaan Isa bara dheeraan dura waan sana karoorseef ulfina hin kennine.
ISA 22:12 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, akka ati boossee wawwaattuuf, akka ati rifeensa mataa keetii of irraa cirtee wayyaa gaddaa uffatuuf guyyaa sana si waame.
ISA 22:13 Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu, loon gorraʼuu fi hoolota qaluu, foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu jira! Isin, “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii!” jettu.
ISA 22:14 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
ISA 22:15 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Dhaqiitii itti gaafatamaa kanaan, Shebnaa, bulchaa masaraa mootummaatiin akkana jedhi:
ISA 22:16 Ati maal asii hojjetta? Akka ati iddoo kanatti iddoo awwaalaa qopheeffattu, akka iddoo ol kaʼaa irratti boolla awwaala keetii qotattu, akka kattaa keessatti iddoo boqonnaa keetii tolchattu eenyutu eeyyama siif kenne?
ISA 22:17 “Yaa nama jabaa kunoo, Waaqayyo jabeessee qabee si darbachuuf jira.
ISA 22:18 Inni akkuma kubbaa furuursee biyya balʼaa tokko keessa si buusa. Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta; gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu!
ISA 22:19 Ani aangoo kee irraa sin buusa; atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta.
ISA 22:20 “Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama.
ISA 22:21 Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa.
ISA 22:22 Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu.
ISA 22:23 Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa.
ISA 22:24 Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
ISA 22:25 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
ISA 23:1 Raajii waaʼee Xiiroos: Yaa dooniiwwan Tarshiishi wawwaadhaa! Xiiroos barbadooftee mana yookaan buufata doonii malee hafteertii. Biyya Qophroos oduun isaan qaqqabeera.
ISA 23:2 Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fi daldaltoonni Siidoonaa, warri galaana irra marmaaran isin sooromsan calʼisaa.
ISA 23:3 Midhaan Shihoor bishaanota gurguddaa irraan dhufe; oomishni Abbayyaa Xiiroosiif galii ture; isheenis lafa gabaa kan sabootaa taate.
ISA 23:4 Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi; galaanni akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani hin ciniinsifanne yookaan hin deenye; ilmaan hin horanne yookaan intallan hin guddifanne.”
ISA 23:5 Yeroo oduun gara Gibxi dhufutti isaan gabaasa Xiiroos irraa dhufuun ni dhiphatu.
ISA 23:6 Isin gara Tarshiishitti ceʼaa; yaa warra qarqara galaanaa jiraattan wawwaadhaa.
ISA 23:7 Magaalaa dulloomtuun durii, kan miilli ishee ishee fuudhee, akka isheen biyya fagoo keessa qubattuuf ishee geesse kun, magaalaa kee ishee fandalaltuudhaa?
ISA 23:8 Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftu kan daldaltoonni ishee ilmaan moototaa taʼan kan daldaltoonni ishee lafa irratti kabajamoo taʼanitti eenyutu waan kana karoorfate?
ISA 23:9 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu of jaja ishee kan ulfina ishee hunda keessa jiru gad deebisuu fi warra lafa irratti kabajaman hunda salphisuuf waan kana karoorfateera.
ISA 23:10 Yaa Intala Tarshiish, ati siʼachi buufata doonii hin qabaattuutii, lafa kee hamma Abbayyaa bira gaʼutti qotadhu.
ISA 23:11 Waaqayyo harka isaa galaana irra qabee mootummoota hollachiiseera. Inni akka daʼannoowwan ishee diigamaniif waaʼee Kanaʼaan ajaja kenneera.
ISA 23:12 Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa, ati kana caalaa hin fandalaltu! “Kaʼiitii gara Qophiroositti ceʼi; ati achitti iyyuu boqonnaa hin argattu.”
ISA 23:13 Mee biyya Baabilonotaa ilaali; uummanni kun amma seenaa hin qabu! Warri Asoor akka isheen iddoo jireenya uumamawwan gammoojjii taatu godhan; isaan siree eegumsaa ijaarratan; daʼannoowwan ishee qullaa hambisan; ishees ni barbadeessan.
ISA 23:14 Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa; daʼannoon keessan barbadeeffameeraatii!
ISA 23:15 Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa:
ISA 23:16 “Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu, baganaa qabadhuutii magaalaa keessa naannaʼi; ati akka yaadatamtuuf baganaa sirriitti rukuti; sirba baayʼee sirbi.”
ISA 23:17 Dhuma waggaa torbaatamaatti Waaqayyo Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti.
ISA 23:18 Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu Waaqayyoof addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa.
ISA 24:1 Kunoo, Waaqayyo lafa ni onsa; ishees ni barbadeessa; inni ishee gaggaragalchee warra ishee irra jiraatan bittinneessa;
ISA 24:2 Kan saba irra gaʼu luba irra, kan garbicha irra gaʼu gooftaa irra, kan garbittii irra gaʼu giiftii irra, kan bitataa irra gaʼu gurgurataa irra, kan isa ergifatu irra gaʼu, isa ergisu irra, kan liqeeffataa irra gaʼu, isa liqeessu ni gaʼaatii.
ISA 24:3 Lafti guutumaan guutuutti ni onti; guutumaan guutuuttis ni saamamti. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
ISA 24:4 Lafti ni gogdi; bifti ishees ni geeddarama; addunyaan ni bututti; bifti ishees ni geeddarama; gurguddoonni saba lafaas ni bututu.
ISA 24:5 Lafti saba isheetiin xuroofteerti; isaan seeraaf ajajamuu didan; sirnaan buluu didanii kakuu bara baraa sana cabsaniiru.
ISA 24:6 Kanaafuu abaarsi lafa balleessa; sabni ishees balleessaa isaatiif adabama. Kanaafuu jiraattonni lafaa ni gubatu; nama muraasatu hafa.
ISA 24:7 Daadhiin wayinii haaraan ni goga; mukni wayiniis ni coollaga; warri gammadan hundinuu ni aadu.
ISA 24:8 Dibbeen sagaleen isaa namatti tolu ni calʼisa; wacni fandalaltootaa qabbanaaʼeera; baganaan nama gammachiisus calʼiseera.
ISA 24:9 Isaan siʼachi sirbaa daadhii wayinii hin dhugan; dhugaatiin jabaan warra isa dhuganitti ni hadhaaʼa.
ISA 24:10 Magaalaan diigamte sun ontee hafti; akka namni tokko iyyuu ol hin seenneef manni hundi ni cufama.
ISA 24:11 Isaan daadhii wayinii dhabanii daandii irratti booʼu; gammachuun hundi gaddatti geeddarama; ililchuun hundis lafa irraa dhabama.
ISA 24:12 Magaalaan sun diigamtee hafti; karri ishees ni caccaba.
ISA 24:13 Akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuu fi akkuma yeroo wayiniin galfamutti qarmiin hafu taʼu sana, lafa irratti saboota gidduuttis akkasuma ni taʼa.
ISA 24:14 Isaan sagalee ol fudhatanii gammachuun iyyu; gama lixa biiftuutti ulfina Waaqayyoo labsu.
ISA 24:15 Kanaafuu isin baʼa biiftuu irraa Waaqayyoof ulfina kennaa; qarqara galaanaattis maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel leellisaa.
ISA 24:16 Nu moggaa lafaa irraa faarfannaa, “Isa qajeelaa sanaaf ulfinni haa taʼu” jedhu dhageenya. Ani garuu akkanan jedhe; “Ani bade, ani bade! Anaaf wayyoo! Gantoonni ni ganu! Gantoonni gantummaa isaaniitiin ganu!”
ISA 24:17 Yaa uummata lafa irraa, sodaan, qilee fi kiyyoon si eeggatu.
ISA 24:18 Namni sagalee goolii baqatu kam iyyuu qilee keessa buʼa; namni qilee keessaa ol baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan qabama. Foddaan samiiwwanii banameeraatii hundeewwan lafaa ni raafamu.
ISA 24:19 Lafti baqaqxeerti; lafti gargar baateerti; lafti akka malee raafamteerti;
ISA 24:20 Lafti akkuma nama machaaʼee gatantarti; isheen akkuma daasii bubbeedhaan raafamti; yakki fincila ishee akka malee itti ulfaateera; isheen ni jigdi; deebitees hin kaatu.
ISA 24:21 Waaqayyo gaafas humnoota samii, samii irratti, mootota lafaa immoo lafa irratti ni adaba.
ISA 24:22 Isaan akkuma hidhamtootaa boolla keessaatti walitti qabamu; manni hidhaa itti cufamee guyyaa hedduu booddee adabamu.
ISA 24:23 Jiʼi ni burjaajofti; aduunis ni qaanofti; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Tulluun Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti fuula maanguddootaa duratti ulfinaan ni moʼaatii.
ISA 25:1 Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti; waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen wantoota dinqisiisoo bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef, ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
ISA 25:2 Ati magaalaa sana tuullaa dhagaa, magaalaa dallaa jajjabaa qabdu immoo diigamaa goote; magaalaan daʼannoo Namoota Ormaa turte sun siʼachi hin jiraattu; isheen gonkumaa deebitee hin ijaaramtu.
ISA 25:3 Kanaafuu namoonni jajjaboon si kabaju; magaalaawwan saboota gara jabeeyyii si sodaatu.
ISA 25:4 Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan, rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo, bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu, hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte. Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan, akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi
ISA 25:5 akkuma hoʼa gammoojjii ti. Ati waca alagootaa ni calʼisiifta; akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼu sana, sirbi gara jabeeyyiis ni qabbanaaʼa.
ISA 25:6 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu tulluu kana irratti uummata hundaaf cidha nyaata gaarii, affeerraa daadhii wayinii gogee, foon coomaa fi daadhii wayinii filatamaa ni qopheessa.
ISA 25:7 Inni tulluu kana irratti, haguuggii uummata hundatti haguugame, golgaa saba hundatti golgame ni balleessa;
ISA 25:8 inni bara baraan duʼa ni liqimsa. Waaqayyo Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
ISA 25:9 Isaan gaafas akkana jedhu; “Dhugumaan kun Waaqa keenya; nu isa amananne; innis nu oolche. Kun Waaqayyoo dha; nu isa amananne; kottaa fayyisuu isaatti gammannaa; ni ililchinas.”
ISA 25:10 Harki Waaqayyoo tulluu kana irra ni boqota; Moʼaab garuu akkuma cidiin dikee keessatti dhidhiitamu sana isa jalatti dhidhiitama.
ISA 25:11 Innis akkuma namni bishaan daaku tokko daakuuf harka balʼifatu sana, gaara sana irratti harka isaa ni balʼifata. Waaqnis of tuulummaa isaanii, ogummaa harka isaanii wajjin gad deebisa.
ISA 25:12 Inni dallaa kee ol dheeraa dhagaan ijaarame sana, akka inni duufu godha; lafatti gad jigsees biyyootti dabala.
ISA 26:1 Bara sana faarfannaan kun biyya Yihuudaa keessatti faarfatama: Nu magaalaa jabaa qabna; Waaqnis fayyina, dallaa eegumsa isheetii fi daʼannoo ishee taasisa.
ISA 26:2 Akka sabni qajeelaan, sabni amanamummaadhaan jiraatu ol seenuuf, karrawwan banaa.
ISA 26:3 Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
ISA 26:4 Sababii Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan Waaqayyoon amanadhaa.
ISA 26:5 Inni warra iddoo ol kaʼaa irra jiraatan gad qaba; magaalaa tabba irra jirtu gad buusa; lafatti gatees awwaaratti ishee maka.
ISA 26:6 Miilli, miilli warra hacuucamee, faanni hiyyeeyyii ishee dhidhiita.
ISA 26:7 Daandiin nama qajeelaa wal qixxaataa dha; yaa Isa Tolaa, ati qajeeltotaaf karaa baafta.
ISA 26:8 Yaa Waaqayyo, nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna, maqaan keetii fi beekamuun kee hawwii garaa keenyaa ti.
ISA 26:9 Halkan lubbuun koo si yaaddi; ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada. Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti, uummanni addunyaa qajeelummaa barata.
ISA 26:10 Namni hamaan gara laafinni godhamuuf iyyuu, qajeelummaa hin baratu; biyya qajeelummaan jirutti iyyuu inni ittuma fufee jalʼina hojjeta; surraa Waaqayyoos hin hubatu.
ISA 26:11 Yaa Waaqayyo, harki kee ol kaafameera; isaan garuu isa hin argan. Isaan hinaaffaa ati saba keetiif qabdu arganii haa qaanaʼan; ibiddi diinota keetiif kuufame sun isaan haa balleessu.
ISA 26:12 Yaa Waaqayyo, ati nagaa nuuf kenniteerta; ati hojii keenya hunda nuuf hojjetteertaatii.
ISA 26:13 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, si malee gooftonni biraa nu bulchaniiru; nu garuu maqaa kee qofa ulfeessina.
ISA 26:14 Isaan amma duʼaniiru; siʼachi hin jiraatan; isaan gaaddidduu dha; deebiʼaniis hin kaʼan. Ati isaan adabde; isaan balleessites; yaadannoo isaanii hundas ni barbadeessite.
ISA 26:15 Yaa Waaqayyo, ati saba baayʼisteerta; ati saba baayʼisteerta; ati ofii keetiif ulfina argatteerta; daarii biyyaa hunda balʼifteerta.
ISA 26:16 Yaa Waaqayyo, isaan yeroo dhiphinaatti si barbaaddatan; yeroo ati isaan adabdetti isaan kadhannaa gad roobsan.
ISA 26:17 Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti, ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana, yaa Waaqayyo, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra.
ISA 26:18 Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne; nu garuu bubbee deenye. Nu lafaaf fayyina hin fidne; nu uummata addunyaa hin deenye.
ISA 26:19 Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu; dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa. Isin warri biyyoo keessa jiraattan, dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa. Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti; laftis warra duʼan of keessaa baafti.
ISA 26:20 Yaa saba ko, kutaa mana keetti ol galiitii duubaan balbala ofitti cufi; hamma dheekkamsi isaa darbutti, yeroo muraasaaf of dhoksi.
ISA 26:21 Kunoo, Waaqayyo sababii cubbuu isaaniitiif uummata lafa irraa adabuuf iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira. Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti; siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu.
ISA 27:1 Bara sana, Waaqayyo goraadee isaatiin, goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan, Lewaataan boficha mirmirfamu, Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba; inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta.
ISA 27:2 Bara sana akkana jedhama; “Waaʼee iddoo dhaabaa wayinii kan namatti tolu sanaa faarfadhaa;
ISA 27:3 ani Waaqayyo isa nan eega; ani yeroo hunda bishaan nan obaasa; akka namni tokko iyyuu isa hin miineef ani halkanii fi guyyaa isa nan eega.
ISA 27:4 Ani hin aaru. Sokorruu fi qoraattiin waraanaaf utuu natti baʼanii! Ani silaa isaanitti nan duula; walitti qabees isaan nan guba.
ISA 27:5 Yoo kanaa achii isaan kooluu natti haa galan; isaan na wajjin nagaa haa uuman; eeyyee, isaan na wajjin nagaa haa uuman.”
ISA 27:6 Bara dhufuuf jiru keessa Yaaqoob hidda baasa; Israaʼel latee daraara; ijaanis addunyaa hunda guuta.
ISA 27:7 Waaqayyo akkuma warra ishee rukutan sana rukute, ishee illee rukuteeraa? Akkuma warri ishee ajjeesan sun ajjeefaman, isheenis ajjeefamteertii?
ISA 27:8 Ati waraanuu fi ariʼuudhaan isheedhaan wal falmite; inni guyyaa bubbeen baʼaa bubbisutti, bubbee isaa sodaachisaa sanaan ishee balleessa.
ISA 27:9 Yommuu inni dhagoota iddoo aarsaa hunda akkuma dhagaa nooraa caccabsamee godhutti, siidaan asheeraa yookaan iddoon aarsaa ixaanaa tokko iyyuu dhaabatee hin hafu. Akkasiinis balleessaan Yaaqoob ni haqamaaf; kunis cubbuun isaa guutumaan guutuutti haqamuu isaa mirkaneessa.
ISA 27:10 Magaalaan dallaa jabaa qabdu ni onti; akka gammoojjii gatamteetii fi dhiifamtee taati; jabboonni achi dheeddi; achis ni ciciifti; jabboonni damee ishee qorqanii qullaa hambisu.
ISA 27:11 Dameen ishee yeroo gogutti irraa caccaba; dubartoonnis dhufanii ibiddatti naqatu. Uummanni kun hubannaa hin qabuutii; kanaafuu Tolchaan isaanii garaa hin laafuuf; Uumaan isaaniis isaaniif hin araaramu.
ISA 27:12 Bara sana Waaqayyo Laga Efraaxiisii hamma laga Gibxitti midhaan dhaʼa; yaa Israaʼeloota, isin tokko tokkoon walitti ni qabamtu.
ISA 27:13 Bara sana malakanni guddaan tokko ni afuufama. Warri Asoor keessatti badanii turanii fi warri Gibxi keessatti faffacaʼanii turan dhufanii tulluu qulqulluu irratti Yerusaalem keessatti Waaqayyoon waaqeffatu.
ISA 28:1 Gonfoo of tuulummaa kan machooftota Efreem sanaaf, daraaraa coollagu kan ulfina miidhagina isaaniitiif, kan mataa sulula gabbataa irra jiruuf, magaalaa warra daadhii wayiniitiin fudhataman sanaatiif wayyoo!
ISA 28:2 Kunoo, Gooftaan isa humna qabeessaa fi jabaa tokko qaba. Inni akkuma cabbiitii fi bubbee waa balleessuu, akkuma bokkaa jabaatii fi bishaan guutee irra dhangalaʼuu, humnaan lafatti gad ishee darbata.
ISA 28:3 Gonfoon of tuulummaa, machooftonni Efreem miilla jalatti dhidhiitamu.
ISA 28:4 Daraaraan harcaʼu, miidhaginni isaa kabajamaan, kan mataa sulula gabbataa irra jiru sun, akkuma muka harbuu utuu bonni hin gaʼin bilchaatu sanaa taʼa; namni isa argu hundi akkuma isa harka keessa galfateen isa nyaatee fixa.
ISA 28:5 Bara sana Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu hambaa saba isaatiif, gonfoo ulfinaa, miʼa miidhaginaa ni taʼa.
ISA 28:6 Inni nama murtii kennuuf taaʼuuf hafuura murtii qajeelaa taʼa; warra karra irraa waraana deebisaniif immoo madda jabinaa taʼa.
ISA 28:7 Jarri kuni daadhii wayiniitiin gatantaru; dhugaatii jabaadhaan dogoggoru; luboonnii fi raajonni dhugaatii jabaadhaan gatantaru; daadhii wayiniitiin fudhatamu; isaan dhugaatii jabaadhaan karaa irraa badu; yeroo mulʼata arganittis ni dogoggoru; yeroo murtii kennanittis ni dogoggoru.
ISA 28:8 Maaddiin hundinuu diddigaan guutameera; iddoon hin xureeffamin tokko iyyuu hin jiru.
ISA 28:9 “Namni inni waa barsiisuu yaalu kun eenyu? Inni eenyuuf ergaa isaa ibsaa jira? Ijoollee aannan dhiifteef moo ijoollee harma guuteef?
ISA 28:10 Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; sirna irratti sirna; sirna irratti sirna; asitti muraasa; achitti muraasa” taʼaatii.
ISA 28:11 Yoos Waaqni afaan alagootaatiin, afaan hin beekamneenis saba kanatti ni dubbata;
ISA 28:12 inni akkana isaaniin jedhe; “Kun iddoo boqonnaa ti; warri dadhaban haa boqotan; kun iddoo aara galfannaa ti.” Isaan garuu dhagaʼuu didan.
ISA 28:13 Yoo akkasii dubbiin Waaqayyoo akkana isaanitti taʼa; ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; sirna irratti sirna; sirna irratti sirna; asitti muraasa; achitti muraasa; kunis akka isaan dhaqanii dugda duubatti kufanii fi akka isaan caccabanii kiyyoodhaan qabamaniif.
ISA 28:14 Kanaafuu isin qoostonni warri uummata Yerusaalem bulchitan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
ISA 28:15 Isin akkana jettanii of tuultu; “Nu duʼa wajjin kakuu galleerra; siiʼool wajjinis walii galtee gooneerra. Sababii nu soba daʼoo godhannee, sobas iddoo itti dhokannu godhanneef, balaan hamaan yeroo dhufee lafa balleessutti nu tuquu hin dandaʼu.”
ISA 28:16 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Kunoo ani dhagaa tokko, dhagaa qoratame, dhagaa golee gati jabeessa tokko hundee mirkanaaʼaadhaaf Xiyoon keessa nan kaaʼa; namni amanu kam iyyuu hin qaanaʼu.
ISA 28:17 Ani murtii qajeelaa funyoo ittiin safaran, qajeelummaa immoo madaalii nan godhadha; soba isin daʼoo godhattan sana bokkaan jabaan ni balleessa; bishaanis lafa isin itti dhokattan keessa ni lolaʼa.
ISA 28:18 Kakuun isin duʼa wajjin godhattan ni diigama; walii galteen isin siiʼool wajjin godhattanis ni barbadeeffama. Yeroo balaan hamaan dhufee lafa balleessutti isin lafatti gad dhidhiitamtu.
ISA 28:19 Inni yeroo dhufu hunda isin fudhatee deema; ganama ganama halkanii fi guyyaas, inni waa balleessa.” Ergaa kana hubachuun naasuu guddaa namatti fida.
ISA 28:20 Sireen irratti diriirfachuuf baayʼee gabaabaa dha; uffata halkanii ofitti marachuuf baayʼee dhiphaa dha.
ISA 28:21 Waaqayyo hojii isaa, hojii isaa haaraa sana hojjechuuf, gocha isaa, gocha isaa kan hin beekamne sana hojjechuuf, akkuma Tulluu Pheraaziim keessatti godhe sana ni kaʼa; akkuma Sulula Gibeʼoonitti godhe sana ni kaʼa.
ISA 28:22 Amma qoosaa keessan dhiisaa; yoo akkas hin taʼin foncaan keessan isinitti jabaata; Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, labsii guutummaa biyyattii balleessuuf labse natti himeera.
ISA 28:23 Dhaggeeffadhaatii sagalee koo dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii waan ani dubbadhu dhagaʼaa.
ISA 28:24 Qonnaan bulaan tokko yeroo sanyii facaasuuf lafa qotatutti, ittuma fufee qotaa? Inni ittuma fufee biyyoo caccabsee bulleessaa?
ISA 28:25 Inni yeroo lafa wal qixxeessutti dimbilaalaa fi kamuunii hin facaasuu? Inni qamadii toora tooraan, garbuu iddoo isaa irratti, honboriis lafa qotiisaa isaa irratti hin facaasuu?
ISA 28:26 Waaqni isaa isa barsiisa; karaa qajeelaa irras isa buusa.
ISA 28:27 Abasuudni gangalchaadhaan hin dhaʼamu; kamuunii irras gommaan gaarii hin oofamu; abasuudni uleedhaan, insilaalli immoo shimalaan dhaʼama.
ISA 28:28 Midhaan buddeena tolchuuf daakamuu qaba; kanaafuu namni tokko bara baraan midhaan hin dhaʼu. Inni gommaa gaarii kan midhaan dhaʼu midhaan sana irra oofu iyyuu fardeen isaa midhaanicha hin bulleessan.
ISA 28:29 Wanni kun hundinuu Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu, isa mariidhaan dinqisiisaa, ogummaadhaanis guddaa taʼe biraa dhufa.
ISA 29:1 Yaa Ariiʼeel, yaa Ariiʼeel, magaalaa Daawit keessa jiraate, siif wayyoo! Waggaa irratti waggaa dabalaa; ayyaanonni waggaas ittuma haa fufan.
ISA 29:2 Taʼus ani Ariiʼeelin marsee nan qaba; isheen boossee ni wawwaatti; isheen anaaf akka Ariiʼeel taati.
ISA 29:3 Ani karaa hundaan naannoo kee nan qubadha; gamoowwaniinis sin marsa; tuullaa biyyoos sitti naannessee nan dhaaba.
ISA 29:4 Ati gad deebifamtee lafa irraa ni dubbatta; haasaan kee biyyoo keessaa guunguma. Sagaleen kee akka sagalee ekeraa lafa keessaa baʼa; haasaan kees biyyoo keessaa hasaasa.
ISA 29:5 Diinonni kee hedduun garuu akka awwaara bullaaʼee, gara jabeeyyiin baayʼeenis akka habaqii bubbeen fudhatee taʼu. Akkuma tasaa utuu hin beekaminis,
ISA 29:6 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, bakakkaadhaan, sochii lafaatii fi waca guddaadhaan, bubbeedhaan, bubbee hamaa fi arraba ibidda waa fixuutiin ni dhufa.
ISA 29:7 Ergasii tuunni saboota hundaa kan Ariiʼeeliin lolu, kan ishee fi daʼoo ishee jajjaboo dhaʼee marsee qabu, akkuma abjuu, akkuma mulʼata halkan keessaa taʼa;
ISA 29:8 kunis akkuma namni beelaʼe tokko akka waa nyaachaa jiru abjuudhaan argee yeroo dammaqutti garuu amma illee beela qabu sana, yookaan akkuma namni dheebote tokko akka waa dhugaa jiru abjuudhaan argee yeroo dammaqutti garuu amma illee dheebuudhaan gaggabu sana taʼa. Tuuta saboota hundaa kan Tulluu Xiyoon lolu irrattis akkasuma taʼa.
ISA 29:9 Rifadhaa; dinqisiifadhaas; of jaamsaatii nama waa hin argine taʼaa; machaaʼaa; garuu daadhii wayiniitiin hin taʼin; gatantaraa; garuu dhugaatii jabaadhaan hin taʼin.
ISA 29:10 Waaqayyo hirriba cimaa isinitti buuseera; ija keessan raajota, cufeera; mataa keessan ilaaltootas, haguugeera.
ISA 29:11 Mulʼanni kun hundi isiniif dubbii kitaaba maramaa irratti chaappeffame malee homaa miti. Yoo isin kitaaba kana nama dubbisuu dandaʼu tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Sababii kitaabichi chaappeffameef ani dubbisuu hin dandaʼu” jedhee deebisa.
ISA 29:12 Yookaan yoo isin kitaaba maramaa kana nama dubbisuu hin dandeenye tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Ani akkamitti akkan dubbisu hin beeku” jedhee deebisa.
ISA 29:13 Gooftaan akkana jedha: “Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata; hidhii isaatiinis na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira. Waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis seera namni barsiisu qofaan tolfame.
ISA 29:14 Kanaafuu ani amma illee dinqii irratti dinqii dabalee uummata kana nan dinqisiisa; ogummaan nama ogeessaa ni bada; hubannaan hubattootaas ni dhokata.”
ISA 29:15 Warra karoora isaanii Waaqayyo duraa dhokfachuuf jedhanii qileetti gad buʼaniif, warra hojii isaanii dukkana keessatti hojjetanii, “Eenyutu nu arga? Eenyutu beeka?” jedhanii yaadaniif wayyoo!
ISA 29:16 Kun jalʼina keessan, suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu! Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen “Inni na hin tolchine” jedhaa? Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan, “Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa?
ISA 29:17 Libaanoon yeroo gabaabaa keessatti lafa qotiisaa gabbatte hin taatuu? Lafti qonnaa gabbataan sunis bosona hin fakkaattuu?
ISA 29:18 Gaafas duudaan dubbii kitaaba maramaa ni dhagaʼa; iji nama jaamaa dimimmisaa fi dukkana keessatti ni arga.
ISA 29:19 Namni gad of qabu ammas Waaqayyotti ni gammada; rakkattoonnis Qulqullicha Israaʼel sanaan ni gammadu.
ISA 29:20 Gara jabeeyyiin ni badu; warri namatti qoosan ni barbadaaʼu; warri hammina hojjechuu jaallatan hundinuu ni balleeffamu;
ISA 29:21 warri dubbiin yakkamaa nama godhan, warri namicha mana murtiitti namaaf falmu dura kiyyoo kaaʼanii sobaan dhugaa baʼuudhaan murtii qajeelaa nama yakka hin qabnee jalʼisan ni balleeffamu.
ISA 29:22 Kanaafuu Waaqayyo inni Abrahaamin fure sun mana Yaaqoobiin akkana jedha: “Yaaqoob siʼachi deebiʼee hin qaanaʼu; fuulli isaas siʼachi hin dukkanaaʼu.
ISA 29:23 Isaan yeroo gidduu isaaniitti ijoollee isaanii hojii harka kootii sana arganitti, maqaa koo ni qulqulleessu; isaan qulqullummaa Qulqullicha Yaaqoob ni beeku; Waaqa Israaʼelis sodaachuudhaan ni jiraatu.
ISA 29:24 Warri dogoggoran hubannaa ni argatu; warri guungumanis qajeelfama ni fudhatu.”
ISA 30:1 Waaqayyo akkana jedha: “Ijoollee fincilan, kanneen karoora karoora koo hin taʼin duukaa buʼan, kanneen fedhii kootiin alatti walii galtee uuman, kanneen cubbuu irratti cubbuu dabalaniif wayyoo;
ISA 30:2 kanneen utuu anaan hin mariʼatin Gibxitti gad buʼan, kanneen gaaddisa Gibxi daʼoof, eegumsa Faraʼoon immoo gargaarsaaf abdataniif wayyoo.
ISA 30:3 Eegumsi Faraʼoon garuu qaanii isinitti taʼa; gaaddisni Gibxis salphina isinitti fida.
ISA 30:4 Isaan yoo Zooʼaan keessatti qondaaltota qabaatan iyyuu, yoo ergamoonni isaaniis Haanees gaʼan iyyuu,
ISA 30:5 tokkoon tokkoon isaanii sababii uummata isaan hin fayyadne kanneen qaanii fi salphina malee gargaarsa yookaan buʼaa hin kennine sanaatiif ni qaaneffamu.”
ISA 30:6 Raajii waaʼee bineensota Negeeb dubbatame: Ergamoonni qabeenya isaanii harreetti, meeshaa isaanii gaalatti feʼatanii biyya leenci kormii fi leenci dhalaan, bofti summii qabuu fi bofti darbatamu jiraatan, lafa rakkinaa fi dhiphinaan guute keessa baʼanii gara biyya homaa hin fayyadnee
ISA 30:7 gara Gibxi kan gargaarsi ishee gonkumaa buʼaa hin qabne sanaa dhaqu. Kanaafuu ani, “Raʼaab, kan homaa hin fayyadne” jedhee ishee nan waama.
ISA 30:8 Amma dhaqiitii gabatee irratti barreessiif; kitaaba maramaa irratti katabiif; kunis akka baroota dhufuuf jiran keessa dhuga baʼumsa bara baraa taʼuuf.
ISA 30:9 Jarri kunneen uummata fincilaa, ijoollee sobduu dha; ijoollee seera Waaqayyoo dhagaʼuuf fedhii hin qabnee dha.
ISA 30:10 Isaan mulʼata argitootaan, “Siʼachi mulʼata tokko illee hin arginaa!” jedhu; raajotaanis akkana jedhu; “Isin siʼachi mulʼata qajeelaa taʼe nutti hin himinaa! Waan nama gammachiisu nutti himaa; gowwoomsaa nuuf raajaa.
ISA 30:11 Karaa kana gad dhiisaa; daandii kana irraa jalʼadhaa; Qulqullicha Israaʼel fuula keenya duraa dhabamsiisaa!” jedhu.
ISA 30:12 Kanaafuu Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Sababii isin ergaa kana diddanii nama hacuucuu abdattanii gowwoomsaatti irkattaniif,
ISA 30:13 cubbuun kun, akkuma dallaa ol dheeraa dhagaan ijaarame kan baqaqee bosose kan utuu hin beekamin tasa jiguu isinitti taʼa.
ISA 30:14 Dallaan sun akkuma miʼa supheetti, hamma wanni ittiin cilee bobaʼu iddoo ibiddaatii fuudhan iyyuu hin hafnetti yookaan hamma wanni ittiin boolla bishaanii keessaa bishaan budduuqsan hin hafnetti akka malee caccabee burkutaaʼa.”
ISA 30:15 Waaqayyo Gooftaan, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Deebiʼuu fi boqochuudhaan ni fayyitu; tasgabbaaʼuu fi abdachuudhaan ni jabaattu; isin garuu kana hin goone.
ISA 30:16 Isinis, ‘Lakki, nu fardeeniin ni baqanna’ jettu. Kanaafuu isin ni baqattu! Isin, ‘Nu fardeen ariifatanii fiiganiin ni gulufna’ jettu. Kanaafuu warri isin gugsan ni saffisu!
ISA 30:17 Doorsisa nama tokkootiin, kumatu baqata; doorsisa nama shaniitiin immoo, isin hamma akkuma muka alaabaa fiixee tulluu irra jiruu, akkuma faajjii gaara irra jiruu taatanii haftanitti hundi keessan ni baqattu.”
ISA 30:18 Taʼus Waaqayyo isiniif arjoomuu barbaada; isiniif naʼuufis ni kaʼa: Waaqayyo Waaqa murtii qajeelaa ti. Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.
ISA 30:19 Yaa saba Xiyoon, warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin siʼachi hin boossan. Yeroo isin gargaarsa barbaachaaf gara isaatti iyyattanitti inni dhugumaan isiniif arjooma! Akkuma dhagaʼeenis deebii isiniif kenna.
ISA 30:20 Gooftaan buddeena rakkinaatii fi bishaan dhiphinaa siif kennu illee barsiisaan kee siʼachi hin dhokatu; ati ijuma keetiin isa argita.
ISA 30:21 Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.
ISA 30:22 Ati ergasii waaqota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, “Asii badaa!” jettaan.
ISA 30:23 Inni sanyii ati lafatti facaafattuuf bokkaa siif kenna; midhaan lafti baaftus kan misee fi kan akka malee baayʼate taʼa. Bara sana keessa loon kee lafa dheedaa balʼaa irratti bobbaʼu.
ISA 30:24 Qotiyyoo fi harreen qotiisaa okaa filatamaa qorbii fi afarsaadhaan qulqulleeffame nyaatu.
ISA 30:25 Guyyaa badiisa guddaatti, yeroo qooxiiwwan eegumsaa jijjiganitti yaaʼawwan bishaanii tulluuwwanii fi gaarran ol dhedheeroo hunda irra yaaʼu.
ISA 30:26 Gaafa Waaqayyo cabaa saba isaa hidhee warra madeesse illee fayyisutti jiʼi akkuma aduu ifa; ifni aduus akkuma ifa guyyaa torbaa dachaa torba ni ifa.
ISA 30:27 Kunoo Maqaan Waaqayyoo aarii bobaʼuu fi duumessa gobbuu aaraatiin fagoodhaa dhufaa jira; afaan isaa dheekkamsaan, arrabni isaas ibidda gubee balleessuun guutameera.
ISA 30:28 Hafuurri inni baafatu akkuma laga guutee hamma morma gaʼutti ol kaʼuu ti. Inni gingilchaa badiisaatiin saboota gingilcha; inni luugama karaa irraa isaan balleessu haʼoo sabootaa keessa kaaʼa.
ISA 30:29 Isin akkuma halkan ayyaana qulqulluu ayyaaneffattanitti, faarfannaa ni faarfattu; garaan keessan akkuma yeroo namoonni ulullee afuufaa gara tulluu Waaqayyootti, gara Kattaa Israaʼelitti ol baʼan sanaa ni gammada.
ISA 30:30 Waaqayyo akka namoonni sagalee isaa surra qabeessa sana dhagaʼan ni godha; inni akka isaan irree isaa kan aarii guddaa fi ibidda gubee balleessuun, bokkaa hamaadhaan, bakakkaa fi cabbiidhaan dhufaa jiru argan ni godha.
ISA 30:31 Sagaleen Waaqayyoo Asoorin ni caccabsa; bokkuu isaatiinis isaan barbadeessa.
ISA 30:32 Adabbiin ulee kan Waaqayyo isaan irra buusu hundi sagalee dibbeetii fi sagalee kiraaraa of keessaa qaba; innis rukuttaa irree isaatiin waraana keessatti isaan lola.
ISA 30:33 Toofet dur qopheeffame; inni mootichaaf qopheeffame. Boolli ibiddaa isaa gad fageeffamee balʼifamee hojjetame; innis ibiddaa fi qoraaniin guutameera; hafuurri afaan Waaqayyootii baʼus akkuma dinyii dhangalaʼuu akka inni bobaʼu godha.
ISA 31:1 Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif, warra fardeen abdataniif warra gaariiwwan isaaniitii fi jabina abbootii fardeen isaanii amanatanii garuu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalle yookaan gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanneef wayyoo.
ISA 31:2 Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa; inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu. Inni mana hamootaatti, warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa.
ISA 31:3 Warri Gibxi namootuma malee Waaqa miti; fardeen isaaniis foonuma malee hafuura miti. Yeroo Waaqayyo harka isaa diriirfatutti, inni gargaaru ni gufata; inni gargaaramus ni kufa; isaan lachuu walii wajjin badu.
ISA 31:4 Waaqayyo akkana naan jedha: “Akkuma leenci, leenci guddaan tokko waan qabate irratti aadu sana, tuunni tiksootaa guutuun isatti wal waammatan iyyuu, inni iyya isaanii hin sodaatu; yookaan waca isaaniitiin hin raafamu; akkasuma Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Tulluu Xiyoon irratti waraana banuuf gad buʼa.
ISA 31:5 Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sana Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemiif gaachana taʼa; inni gaachana taʼeefii ishee baraara; ishee bira darba; ishee oolchas.”
ISA 31:6 Yaa saba Israaʼel, gara Isa akka malee itti finciltan sanaatti deebiʼaa.
ISA 31:7 Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii.
ISA 31:8 “Asoor goraadee kan namaa hin taʼiniin kufti; goraadeen nama duʼa hin oollees isaan fixa. Isaan goraadee duraa baqatu; dargaggoonni isaaniis dirqamaan hojii humnaa hojjetu.
ISA 31:9 Daʼoon isaanii sababii sodaatiif ni jiga; ajajjoonni isaaniis faajjii waraanaa arganii hollatu” jedha Waaqayyo, inni ibiddi isaa Xiyoon keessa, kan boolli ibidda isaa immoo Yerusaalem keessa jiru sun.
ISA 32:1 Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa; bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu.
ISA 32:2 Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii, akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti, akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa.
ISA 32:3 Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu; gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata.
ISA 32:4 Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata; arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata.
ISA 32:5 Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu; addaggeenis baayʼee hin kabajamu.
ISA 32:6 Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf qalbiin isaa hammina hojjeta; inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta; waaʼee Waaqayyoos dogoggora odeessa; inni nama beelaʼe beela hin baasu; nama dheebote illee bishaan dhowwata.
ISA 32:7 Malli addaggee hammina; inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada.
ISA 32:8 Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa; hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata.
ISA 32:9 Yaa dubartoota akka malee boontan kaʼaatii na dhaggeeffadhaa; yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan waan ani jedhu dhagaʼaa!
ISA 32:10 Isin warri waan nagaa qabdan of seetan erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu; wayiniin ija hin kennu; yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu.
ISA 32:11 Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa; intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa! Uffata keessan of irraa baasaatii wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa.
ISA 32:12 Lafa qotiisaa gaariif, muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa;
ISA 32:13 lafa uummata koo kan qoraattii fi sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa; dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa.
ISA 32:14 Daʼannoon ni ona; magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti; magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu; iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu;
ISA 32:15 kunis hamma Hafuurri Qulqulluun gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa.
ISA 32:16 Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata; qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata.
ISA 32:17 Buʼaan qajeelummaa nagaa dha; faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.
ISA 32:18 Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu, manneen bultii sodaa hin qabne iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata.
ISA 32:19 Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu, magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti;
ISA 32:20 isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii loon keessanii fi harroota keessan nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha.
ISA 33:1 Yaa barbadeessaa, ati kan hin barbadeeffamin siif wayyoo! Yaa gantuu, ati kan hin ganamin siif wayyoo! Ati yommuu barbadeessuu dhiiftutti ni barbadeeffamta; yommuu ganuu dhiiftuttis ni ganamta.
ISA 33:2 Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa. Ati ganama ganama jabina keenya, yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
ISA 33:3 Sagalee kakawwee keetiitiin, namoonni baqatu; yeroo ati ol kaatutti, saboonni ni bittinnaaʼu.
ISA 33:4 Yaa saboota, akkuma hawwaannisni walitti qabamu sana boojuun keessan walitti qabama; namoonnis akkuma tuuta hawwaannisaa irra uʼutaalu.
ISA 33:5 Waaqayyo ol ol jedha; inni ol gubbaa jiraataatii; inni murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan Xiyoonin guuta.
ISA 33:6 Inni bara keetiif hundee amansiisaa, kuusaa fayyinaa, kan ogummaatii fi kan beekumsaa taʼa; Waaqayyoon sodaachuun furtuu badhaadhummaa kanaa ti.
ISA 33:7 Kunoo gootonni isaanii sagalee ol fudhatanii daandii irratti iyyu; ergamoonni nagaas hiqqifatanii booʼu.
ISA 33:8 Karaawwan gurguddaan onaniiru; namni karaa irra deemu hin jiru. Walii galteen diigameera; dhuga baatonni ishee tuffatamaniiru; namni tokko iyyuu hin kabajamu.
ISA 33:9 Lafti ni boossi; ni barbadoofti; Libaanoon ni qaanofti; ni coollagdi; Shaaroon akka gammoojjii taati; Baashaanii fi Qarmeloos baala isaanii harcaafatu.
ISA 33:10 Waaqayyo akkana jedha; “Ani amma nan kaʼa; ani amma ol ol nan jedha; ani amma nan kabajama.
ISA 33:11 Isin habaqii ulfooftu; cidii deessu; hafuurri isin baafattan ibidda gubee isin fixuu dha.
ISA 33:12 Namoonni akkuma nooraa gubamu; akkuma qoraattii cirameettis ibiddi itti qabsiifama.”
ISA 33:13 Isin warri fagoo jirtan waan ani hojjedhe dhagaʼaa; warri dhiʼoo jirtanis humna koo beekaa!
ISA 33:14 Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu; warri Waaqatti hin bulles hollachaa, “Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa? Nu keessaa eenyutu ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu.
ISA 33:15 Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu,
ISA 33:16 iddoo ol kaʼaa irra jiraata; daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. Buddeenni isaaf ni kennama; bishaanis isatti hin hirʼatu.
ISA 33:17 Iji kee mooticha miidhagummaa isaatiin arga; biyya fagoo jirtu illee ni ilaala.
ISA 33:18 Atis akkana jettee garaa keetti raafama durii sana yaadda: “Ajajaan ol aanaan sun eessa jira? Namichi gibira fuudhu sun eessa jira? Ajajaan itti gaafatamaan gamoowwanii eessa jira?”
ISA 33:19 Ati siʼachi saba hamaa, kan haasaan isaa namaaf hin galle, kan afaan isaa haaraa taʼee fi hin hubatamne hin argitu.
ISA 33:20 Xiyoon, magaalaa ayyaana keenyaa hubadhuu ilaali; iji kee Yerusaalemin, iddoo jireenyaa nagaa qabu, dunkaana hin buqqifamne arga; qofoon ishee hin buqqifamu; yookaan funyoon ishee tokko iyyuu hin citu.
ISA 33:21 Waaqayyo achitti Humna keenya taʼa. Iddoon sunis akkuma lageen gurguddaatii fi burqaawwanii taʼa. Dooniin waraanaa kan batoodhaan oofamu tokko iyyuu isaan irra hin deemu; dooniin jabaan tokko iyyuu isaan irra hin qaxxaamuru.
ISA 33:22 Waaqayyo abbaa murtii keenyaatii; Waaqayyo seera nuuf kenna; Waaqayyo mootii keenya; inni nu fayyisa.
ISA 33:23 Funyoon kee laafeera; utubaan isaa jabaatee hin dhaabamne; sharaanis hin diriirfamne. Ergasii boojuun baayʼeen ni qoodama; okkolaan iyyuu boojuu ni fudhata.
ISA 33:24 Namni Xiyoon keessa jiraatu kam iyyuu, “Na dhukkuba” hin jedhu; cubbuun warra achi jiraatanis ni dhiifamaaf.
ISA 34:1 Yaa saboota, isin as dhiʼaadhaatii dhaggeeffadhaa; yaa namoota, isinis qalbeeffadhaa! Lafti haa dhageessu; kan ishee keessa jiraatu hundis, addunyaa fi wanni ishee keessaa baʼu hundinuu haa dhagaʼan!
ISA 34:2 Waaqayyo saboota hundatti aareera; dheekkamsi isaa loltoota isaanii hunda irra buʼeera. Inni guutumaan guutuutti isaan barbadeessa; inni akka qalamaniif dabarsee isaan kenna.
ISA 34:3 Isaan keessaa warri duʼan alatti gad darbataman; reeffi isaanii ni ajaaʼa; tulluuwwan dhiiga isaaniitiin tortoru.
ISA 34:4 Raayyaawwan samii hundinuu ni baqu; samiinis akkuma kitaaba maramaa ni marmarama; raayyaan urjiiwwanii hundinuu akkuma baala wayinii coollagee, akkuma harbuu muka harbuu irraa harcaʼuutti harcaʼu.
ISA 34:5 Goraadeen koo samii keessatti hamma quufutti dhugeera; kunoo inni Edoomitti muruuf, gara saba ani guutumaan guutuutti barbadeesseetti gad buʼeera.
ISA 34:6 Goraadeen Waaqayyoo dhiiga keessa cuuphameera; inni coomaan, dhiiga xobbaallaawwan hoolaatii fi reʼootaatiin, moora kalee korbeeyyii hoolaatiin haguugameera. Waaqayyo Bozraa keessatti aarsaa, Edoom keessatti immoo qalma guddaa qopheesseeraatii.
ISA 34:7 Gafarsi isaan wajjin, jiboonnis korommii gurguddaa wajjin dhumu. Lafti isaanii dhiigaan jiiti; biyyoon isaaniis moora quufa.
ISA 34:8 Waaqayyo guyyaa itti haaloo baʼu, waggaa itti waaʼee Xiyoon falmu qabaatii.
ISA 34:9 Burqaawwan Edoom leeleetti, biyyoon ishees dinyii bobaʼutti geeddarama; lafti ishee immoo leelee bobaʼu taʼa!
ISA 34:10 Inni halkan yookaan guyyaa hin dhaamu; aarri isaas bara baraan ol baʼa. Lafti sun dhalootaa hamma dhalootaatti ontee hafti; namni tokko iyyuu deebiʼee ishee keessaan hin darbu.
ISA 34:11 Cululleen gammoojjiitii fi dhaddeen lafa sana ni fudhatu; urunguu fi arraagessi mana isaanii achitti ijaarratu. Waaqni Edoom irra, funyoo jeequmsaatii fi madaalii badiisaa ni diriirsa.
ISA 34:12 Gurguddoonni ishee waan mootummaa jedhamee waamamu achii hin qabaatan; ilmaan mootota ishee hundi ni badu.
ISA 34:13 Masaraa ishee qoraattii, daʼannoo ishee doobbii fi sokorruutu dhaala. Isheen boolla waangoo, iddoo urunguun jiraattu ni taati.
ISA 34:14 Uumamawwan gammoojjii waraabessa wajjin wal gaʼu; hafuuronni hamoo reʼee diidaa fakkaatan wal waamu; uumamawwan halkanii achi boqotan; ofii isaaniitiifis iddoo aara galfannaa argatu.
ISA 34:15 Urunguun achitti manʼee ijaarrattee hanqaaquu hanqaaqxi; cuucii yaaftees qoochoo jalatti kunuunfatti; allaattiinis dhirsaa fi niitii taatee achitti walitti qabamti.
ISA 34:16 Kitaaba Waaqayyoo keessaa ilaalaatii kan akkana jedhu dubbifadhaa: Isaan kanneen keessaa tokko iyyuu hin dhabamu; tokkittiin iyyuu dhirsa ishee hin dhabdu. Afaan Waaqaa ajajeeraatii; Hafuurri isaas walitti isaan qaba.
ISA 34:17 Isatu qooda isaanii hiraaf; harki isaa safartuudhaan isaaniif qooda. Isaan bara baraan qooda kana ni qabaatu; dhalootaa hamma dhalootaattis achi jiraatu.
ISA 35:1 Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu; lafti onaan ni ililcha; ni daraaras. Akka arfaasee,
ISA 35:2 baayʼinaan daraara; akka malee gammadees ililcha. Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi Shaaroon ni kennamaaf; isaan ulfina Waaqayyoo, surraa Waaqa keenyaas ni argu.
ISA 35:3 Harka dadhabe jajjabeessaa; jilba laafes cimsaa;
ISA 35:4 warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa: “Jabaadhaa; hin sodaatinaa; Waaqni keessan ni dhufa; inni haaloo baasuuf dhufa; gatii malu qabatee isin oolchuuf ni dhufa.”
ISA 35:5 Ergasii iji nama jaamaa ni banama; gurri nama duudaas ni dhagaʼa.
ISA 35:6 Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala; arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata. Bishaan gammoojjii keessaa, burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.
ISA 35:7 Lafti nama gubu haroo, lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa. Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga, shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila.
ISA 35:8 Karaan guddaan tokko achi ni jiraata; innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama; inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa. “Xuraaʼonni” isa irra hin deeman; gowwoonni achiinuu hin baʼan.
ISA 35:9 Leenci achitti hin argamu; yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu; isaan achitti hin argaman. Garuu warra furaman qofatu achi irra deema;
ISA 35:10 warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
ISA 36:1 Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate.
ISA 36:2 Ergasii mootichi Asoor, Raafaasqiis ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalem, Hisqiyaas mootichatti erge. Ajajaan sunis jalʼisii Haroo Ol aanu kan karra Lafa Qotiisaa Namicha Wayyaa Miicuutti geessu bira gaʼee dhaabate;
ISA 36:3 Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan gara isaatti gad baʼan.
ISA 36:4 Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: “ ‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte?
ISA 36:5 Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta?
ISA 36:6 Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon Mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma.
ISA 36:7 Yoo ati, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jette, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kanaa duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
ISA 36:8 “ ‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna!
ISA 36:9 Yoos ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu, akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa?
ISA 36:10 Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee biyya kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’ ”
ISA 36:11 Kana irratti Eliiyaaqiim, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
ISA 36:12 Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
ISA 36:13 Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa!
ISA 36:14 Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni isin baasuu hin dandaʼu!
ISA 36:15 Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
ISA 36:16 “Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin nagaa buusaatii gara koo kottaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu;
ISA 36:17 kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti isin geessutti taʼa.
ISA 36:18 “Hisqiyaas, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin hin dogoggorsin; Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa?
ISA 36:19 Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu?
ISA 36:20 Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu biyyoota isaanii harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
ISA 36:21 Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
ISA 36:22 Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan, uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.
ISA 37:1 Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti, uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene.
ISA 37:2 Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge.
ISA 37:3 Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha: Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti.
ISA 37:4 Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”
ISA 37:5 Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas Mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti,
ISA 37:6 Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin.
ISA 37:7 Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’ ”
ISA 37:8 Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.
ISA 37:9 Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Innis yommuu waan kana dhagaʼetti, akkana jedhee Hisqiyaasitti ergamoota erge:
ISA 37:10 “Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin.
ISA 37:11 Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree?
ISA 37:12 Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu?
ISA 37:13 Mootiin Hamaati yookaan mootiin Arfaad eessa jira? Mootiin magaalaa Seefarwaayim, mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”
ISA 37:14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse.
ISA 37:15 Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate:
ISA 37:16 “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel, kan Kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
ISA 37:17 Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo, ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana hunda dhaggeeffadhu.
ISA 37:18 “Yaa Waaqayyo, mootonni Asoor uummata kana hundaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha.
ISA 37:19 Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii.
ISA 37:20 Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu akka ati qofti Waaqayyo Waaqa taate beekaniif, harka isaatii nu baasi.”
ISA 37:21 Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Sababii ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor na kadhatteef,
ISA 37:22 dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: “Intalli Xiyoon durbi qulqullittiin si tuffattee sitti qoosti. Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti mataa ishee sitti raafti.
ISA 37:23 Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu? Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee of tuulummaadhaan ija ol qabatte? Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
ISA 37:24 Ati karaa ergamoota keetiitiin, Gooftaatti qoosteerta. Ati akkanas jetteerta; ‘Ani gaariiwwan koo hedduudhaan fiixee tulluuwwaniitti, fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera. Ani birbirsawwan isaa akka malee dhedheeroo, gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera. Ani fiixeewwan isaa kanneen akka malee ol fagoo, bosonoota akka malee mimmiidhagoo qaqqabeera.
ISA 37:25 Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee achitti bishaan dhugeera. Ani faana miilla kootiin lageen Gibxi hunda gogseera.’
ISA 37:26 “Ati waan kana hin dhageenyee? Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete. Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe; amma immoo hojii irra oolfadheera; kunis akka ati magaalaawwan dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa gootuu dha.
ISA 37:27 Namoonni isaanii humna dhabanii abdii kutataniis qaanaʼan. Isaan akkuma biqiltuu diidaa, akkuma biqiltuu kichuu tokkoo, akkuma marga mana gubbaatti biqilu kan utuu hin guddatin gubatee ti.
ISA 37:28 “Ani garuu lafa ati jirtu, yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu, akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
ISA 37:29 Sababii ati akka malee natti aartee of tuulummaan kees gurra koo seeneef, ani funyaan keetti hokkoo koo, afaan keetti immoo luugama koo kaaʼee akka ati karuma dhufte sanaan deebitu sin godha.
ISA 37:30 “Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu, waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu. Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa; muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
ISA 37:31 Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko, jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
ISA 37:32 Yerusaalem keessaa hambaan tokko, Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata.
ISA 37:33 “Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: “Inni magaalaa kana hin seenu, yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu. Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
ISA 37:34 Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa; magaalaa kanas hin seenu” jedha Waaqayyo.
ISA 37:35 “Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega; nan oolchas!”
ISA 37:36 Ergasii ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture.
ISA 37:37 Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.
ISA 37:38 Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa Waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii gara biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
ISA 38:1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen.
ISA 38:2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
ISA 38:3 “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
ISA 38:4 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe:
ISA 38:5 “Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala.
ISA 38:6 Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega.
ISA 38:7 “ ‘Kun mallattoo Waaqayyoo kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf Waaqayyo biraa siif kennamee dha:
ISA 38:8 Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’ ” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe.
ISA 38:9 Barreeffama Hisqiyaas mootichi Yihuudaa erga dhukkubsatee fayyee booddee barreesse:
ISA 38:10 Anis, “Walakkaa umurii kootiitti, ani siiʼool seenuun qabaa? Bara jireenya koo kan hafes dhabuun qabaa?” nan jedhe.
ISA 38:11 Ani akkanan jedhe; “Ani biyya jiraattotaa keessatti, lammata Waaqayyoon hin argu; ani siʼachi sanyii namaa hin ilaalu, yookaan warra addunyaa kana irra jiraatan wajjin hin jiraadhu.
ISA 38:12 Manni koo akkuma dunkaana tiksootaa buqqifamee narraa fudhatameera. Ani akkuma wayyaa dhooftuu jireenya koo marmareera; inni miʼa wayyaa dhooftuu irraa na kuteera; ati halkanii guyyaa na balleessita.
ISA 38:13 Ani hamma bariitti obsaan nan eeggadhe; inni garuu akka leencaa lafee koo hunda caccabse; ati halkanii guyyaas na balleessita.
ISA 38:14 Ani akka simbirroo yookaan akkuma daalotee nan wace; akka gugee boossuus nan aade; iji koo gara samii ilaaluudhaan dadhabe; yaa Gooftaa ani rakkadheeraa kottuu na gargaari!”
ISA 38:15 Ani garuu maal jechuun dandaʼa? Inni natti dubbate; inni mataan isaas waan kana godhe. Ani waaʼee dhiphinaa lubbuu kootiif umurii koo guutuu gad of qabee nan jiraadha.
ISA 38:16 Yaa Gooftaa, namoonni waanuma akkasiitiin jiraatu; hafuurri koos isaanumaan jireenya argata. Ati na fayyiftee lubbuudhaanis na jiraachifte.
ISA 38:17 Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif. Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde; cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte.
ISA 38:18 Siiʼool si galateeffachuu hin dandaʼutii; duutis si jajachuu hin dandaʼu. Warri qileetti gad buʼan, amanamummaa kee abdachuu hin dandaʼan.
ISA 38:19 Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa, yaa jiraataa jedhanii si jajatu; abbootiin waaʼee amanamummaa keetii ijoollee isaaniitti ni odeessu.
ISA 38:20 Waaqayyo na baraara; nus bara jireenya keenyaa guutuu, mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti miʼa ribuu irraa hojjetameen faarfanna.
ISA 38:21 Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaatii dhullaa isaa irra kaaʼaa; innis ni fayyaa” jedhee ture.
ISA 38:22 Hisqiyaasis, “Akka ani gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee gaafate.
ISA 39:1 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsatee fayye dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef.
ISA 39:2 Hisqiyaasis ergamoota sana gammachuudhaan simatee waan mankuusa isaa keessa ture meetii, warqee, urgooftuu, zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa guutuu fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
ISA 39:3 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa na bira dhufan” jedhee deebise.
ISA 39:4 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan; wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen.
ISA 39:5 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dhagaʼi:
ISA 39:6 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo.
ISA 39:7 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
ISA 39:8 Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin ni jiraata” jedhee yaadee tureetii.
ISA 40:1 Jajjabeessaa; saba koo jajjabeessaa; jedha Waaqni keessan.
ISA 40:2 Garaa Yerusaalemitti dubbadhaa; hojiin garbummaa ishee akka dhume, gatiin cubbuu ishee akka baafameef, isheen cubbuu ishee hundaaf harka Waaqayyootii adabbii dachaa akka fudhatte isheetti labsaa.
ISA 40:3 Sagalee akkana jedhee iyyu tokko: “Gammoojjii keessatti Waaqayyoof karaa qopheessaa; gammoojjii keessatti Waaqa keenyaaf karaa guddicha qajeelchaa.
ISA 40:4 Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifama; lafti wal caalu, wal qixxeeffama; lafti buʼaa baʼiinis dirree taʼa.
ISA 40:5 Ulfinni Waaqayyoo ni mulʼata; sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga. Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.”
ISA 40:6 Sagaleen tokko “Iyyi” jedha. Anis, “Maal jedheen iyya?” nan jedhe. “Namni hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti.
ISA 40:7 Sababii hafuurri Waaqayyo baafatu isaanitti bubbisuuf margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa. Dhugumaan namni marguma.
ISA 40:8 Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”
ISA 40:9 Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu, tulluu dheeraatti ol baʼi. Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu, sagalee kee ol fudhuutii iyyi; ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin; magaalaawwan Yihuudaatiinis, “Waaqni keessan kunoo ti!” jedhi.
ISA 40:10 Kunoo, Waaqayyo Gooftaan humnaan ni dhufa; irreen isaa jabaadhaanis ni bulcha. Kunoo, gatiin isaa isa wajjin jira; gatiin inni namaaf kennu isuma harka jira.
ISA 40:11 Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; ofitti qabees qoma isaatti hammata; haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.
ISA 40:12 Bishaanota konyee isaatiin kan safare yookaan samiiwwan taakkuu isaatiin kan safare eenyu? Biyyoo lafaa safartuudhaan walitti kan qabe yookaan tulluuwwan madaaliidhaan gaarran immoo madaaliidhaan kan madaale eenyu?
ISA 40:13 Eenyutu Hafuura Waaqayyoo qajeelchuu dandaʼe? Yookaan namni gorsaa isaa taʼee isa barsiise eenyu?
ISA 40:14 Waaqayyo hubannaa argachuuf eenyun gorsa gaafate? Daandii qajeelaas eenyutu isa barsiise? Eenyutu beekumsa isaaf kennee yookaan daandii hubannaa isa argisiise?
ISA 40:15 Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti; isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu; inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala.
ISA 40:16 Libaanoon qoraan iddoo aarsaatiif gaʼu hin qabdu, yookaan horiin ishee aarsaa gubamuuf hin gaʼan.
ISA 40:17 Fuula isaa duratti saboonni hundinuu wayittuu hin lakkaaʼaman; isaan akka ilaalcha isaatti homaattuu hin hedaman; gatiis hin qaban.
ISA 40:18 Yoos Waaqa eenyutti fakkeessitu? Fakkii kam wajjin isa wal bira qabdu?
ISA 40:19 Waaqa tolfamaa tumtuu sibiilaatu baqsee tolcha; tumtuun warqees warqee itti uffisa; foncaa meetiitiinis ni miidhagsa.
ISA 40:20 Hiyyeessi aarsaa akkasii dhiʼeessuu hin dandeenye tokko muka hin tortorre filata. Waaqa tolfamaa hin jigne dhaabuufis nama ogummaa hojii harkaa qabu barbaaddata.
ISA 40:21 Isin hin beektanii? Isin hin dhageenyee? Wanni kun jalqabumaa kaasee isinitti hin himamnee? Isin erga lafti hundeeffamtee jalqabee hin hubannee?
ISA 40:22 Inni geengoo lafaatii ol taaʼa; uummanni lafaas akkuma korophisaa ti. Inni samiiwwan akkuma golgaatti diriirsa; akka dunkaana keessa jiraataniittis isaan diriirsa.
ISA 40:23 Inni ilmaan moototaa faayidaa dhabsiisa; bulchitoota addunyaas harka duwwaa hambisa.
ISA 40:24 Akkuma isaan dhaabamaniin, akkuma isaan facaafamaniin, akkuma isaan lafa keessatti hidda yaafataniin, inni isaanitti bubbise; isaanis ni coollagan; obombolettiinis akkuma habaqiitti isaan haxaaʼe.
ISA 40:25 “Isin eenyutti na fakkeessitu? Yookaan eenyutu anaan qixxaata?” jedha Qulqullichi.
ISA 40:26 Ija keessan ol fudhadhaatii samiiwwan ilaalaa: Eenyutu kanneen hunda uume? Isa tuuta urjiiwwanii tokko tokkoon fidee tokkoo tokkoo isaanii maqaa maqaadhaan waamu sanaa dha. Sababii humna isaa cimaa sanaatii fi jabina isaa guddaa sanaatiif isaan keessaa tokko iyyuu hin dhabamu.
ISA 40:27 Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel, ati maaliif, “Karaan koo Waaqayyo duraa dhokateera; haajaan koos fuula Waaqa koo duratti tuffatameera” jettee guungumta?
ISA 40:28 Ati hin beektuu? Ati hin dhageenyee? Waaqayyo Waaqa bara baraa ti; inni Uumaa handaara lafaa ti. Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu; hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
ISA 40:29 Inni dadhabdootaaf jabina kenna; nama laafaaf immoo humna dabala.
ISA 40:30 Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus; dargaggoonnis gufatanii kufu;
ISA 40:31 Warri Waaqayyoon abdatan garuu humna isaanii ni haaromfatu. Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; ni fiigu; hin dadhaban; ni deemu; hin bututan.
ISA 41:1 Waaqayyo akkana jedha; “Yaa biyyoota bishaan gidduu, fuula koo duratti calʼisaa! Saboonni jabina isaanii haa haaromfatan! Isaan fuula duratti baʼanii haa dubbatan; walii wajjin murtiidhaaf haa dhiʼaannu.
ISA 41:2 “Kan baʼa biiftuutii nama tokko kakaasee qajeelummaadhaan tajaajila isaatiif isa waame eenyu? Inni saboota dabarsee harka isaatti kenna; moototas isa jalatti bulcha. Inni goraadee isaatiin daaraa, xiyya isaatiinis habaqii bubbeedhaan bittinnaaʼu isaan godha.
ISA 41:3 Inni isaan ariʼee, daandii miilli isaa irra deemee hin beekne irra nagaan darba.
ISA 41:4 Jalqabaa kaasee dhaloota waamee waan kana kan tolchee fi hojjete eenyu? Ani Waaqayyo isa duraa ti; isa dhumaatiifis ani isuma.”
ISA 41:5 Biyyoonni bishaan gidduu arganii sodaatu; daariiwwan lafaa ni hollatu. Isaanis ni dhiʼaatu; gara fuula duraattis dhufu;
ISA 41:6 tokkoon tokkoon namaa wal gargaara; obboleessa isaatiinis, “Jabaadhu!” jedha.
ISA 41:7 Tumtuun sibiilaa tumtuu warqee ni jajjabeessa; inni burruusaan wal qixxeessus, isa gemmoo irratti sibiila tumu jajjabeessa. Waaʼee sibiila walitti baqsuu, “Wanni kun gaarii dha” jedha. Akka inni hin sochooneefis Waaqa tolfamaa sana mismaaraan walitti qabsiisa.
ISA 41:8 “Ati garuu, yaa garbicha koo Israaʼel, yaa Yaaqoob kan ani filadhe, sanyii Abrahaam michuu kootii,
ISA 41:9 ani handaara lafaatii si fudhadhe; golee fagoodhaan si waammadhe. Ani, ‘Ati garbicha koo ti’ siin jedhe; ani si filadheera; si hin gannes,
ISA 41:10 Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
ISA 41:11 “Kunoo, warri sitti aaran hundi, ni qaanaʼu; ni salphatus; warri siin morman akka waan hin jirree taʼu; ni badus.
ISA 41:12 Ati diinota kee barbaadduu iyyuu, isaan hin argattu. Warri waraana sitti banan, guutumaan guutuutti akka waan hin jirree taʼan.
ISA 41:13 Ani Waaqayyo Waaqni kee harka kee mirgaa nan qabaatii; inni, ‘Hin sodaatin; ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
ISA 41:14 Yaa Yaaqoob raammoo nana, Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin; ani mataan koo sin gargaaraatii” jedha Waaqayyo, Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun.
ISA 41:15 “Ani kunoo, meeshaa ittiin midhaan dhaʼan, meeshaa haaraa fi qaramaa kan ilkaan baayʼee qabu sin taasisa. Ati tulluuwwan dhooftee caccabsita; gaarran immoo akka habaqii goota.
ISA 41:16 Ati jara ni afarsita; qilleensis ol isaan fudhata; bubbeen jabaan isaan bittinneessa. Ati garuu Waaqayyotti ni gammadda; Qulqullicha Israaʼelinis ulfina argatta.
ISA 41:17 “Hiyyeeyyii fi rakkattoonni bishaan barbaadu; garuu homaa hin argatan; arrabni isaanii dheebuudhaan goggogeera. Ani Waaqayyo garuu deebii nan kennaaf; ani Waaqni Israaʼel jara hin gatu.
ISA 41:18 Lafa ol kaʼaa qullaa irra lageen nan yaasa; sululoota keessa immoo burqaa nan burqisiisa. Gammoojjii haroo bishaaniitti, lafa goges burqaa bishaaniitti nan geeddara.
ISA 41:19 Gammoojjii keessatti gaattiraa, laaftoo, kusaayee fi ejersa nan biqilcha. Lafa onaa keessatti immoo, Birbirsa, qararoo fi hadheessa wal faana nan dhaaba.
ISA 41:20 Kunis akka namoonni akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete, akka Qulqullichi Israaʼel waan kana uume arganii beekaniif, akkasumas akka hundi isaanii waan kana qalbeeffatanii hubataniif.
ISA 41:21 “Dhimma keessan dhiʼeeffadhaa” jedha Waaqayyo; “Ragaa keessan fidadhaa” jedha mootiin Yaaqoob.
ISA 41:22 “Akka isaan waan taʼuuf jiru nutti himaniif, waaqota keessan tolfamoo fidadhaa. Akka nu isaan hubannee waan isaan dhuma irratti taʼan beeknuuf, wantoonni bara dur maal akka turan nutti himaa. Yookaan wantoota dhufuuf jiran nutti odeessaa;
ISA 41:23 akka nu akka isin waaqota taatan beeknuuf, waan fuul duratti taʼuuf jiru nutti himaa. Akka nu rifannee sodaan guutamnuuf, waan gaarii yookaan waan hamaa hojjedhaa.
ISA 41:24 Kunoo isin wayittuu hin hedamtan; hojiin keessanis gonkumaa gatii hin qabu; kan isin filatu kam iyyuu jibbisiisaa dha.
ISA 41:25 “Ani nama tokko kaabaa nan kaase; innis dhufa; inni baʼa biiftuutii dhufus maqaa koo ni waammata. Inni akkuma suphee dhooftuun suphee dhidhiitu sana, bulchitoota akka dhoqqeetti dhidhiita.
ISA 41:26 Akka nu beekuu dandeenyuuf eenyutu jalqabumaa kaasee waan kana dubbate? Yookaan akka nu, ‘Inni sirrii dha’ jechuu dandeenyuuf eenyutu duraan dursee waan kana dubbate? Eenyu iyyuu waan kana hin himne; namni tokko iyyuu duraan dursee hin himne; namni tokko iyyuu dubbii keessan hin dhageenye.
ISA 41:27 Namni jalqabatti, ‘Kunoo isaan as jiru!’ jedhee Xiyoonitti hime ana ture. Ani nama oduu gaarii himu tokko Yerusaalemiif kenneera.
ISA 41:28 Ani nan ilaale; garuu homtuu hin turre; isaan keessaa namni gorsa kennu tokko iyyuu hin jiru; yommuu ani isaan gaafadhus namni deebii kennu tokko iyyuu hin jiru.
ISA 41:29 Kunoo, hundi isaanii faayidaa hin qaban! Hojiin isaaniis gatii hin qabu; fakkiiwwan isaaniis qilleensuma duwwaa dha.
ISA 42:1 “Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu, filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
ISA 42:2 Inni hin wacu yookaan hin iyyu; yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.
ISA 42:3 Shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu. Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;
ISA 42:4 hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti, inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu. Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.”
ISA 42:5 Waaqayyo Waaqni samiiwwan uumee diriirse, inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete, inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee warra ishee irra jiraataniifis jireenya kenne sun akkana jedha:
ISA 42:6 “Ani Waaqayyo qajeelummaadhaan si waameera; harka kees nan qaba. Ani si eegee sabootaaf kakuu, Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa;
ISA 42:7 atis ija jaamotaa ni banta; mana hidhaatii boojiʼamtoota ni hiikta; warra dukkana keessa jiraatanis hidhaadhaa ni baafta.
ISA 42:8 “Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha! Ani ulfina koo kan biraatiif, galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.
ISA 42:9 Kunoo wanni duraanii raawwatameera; anis waan haaraa nan dubbadha; utuu isaan hin biqilin, ani waaʼee isaanii sitti nan odeessa.”
ISA 42:10 Isin warri galaana buutanii fi wantoonni achi keessa jiraattan hundi, biyyoonni bishaan gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundi, faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; handaara lafaatiis galata isaa faarfadhaa.
ISA 42:11 Gammoojjii fi magaalaawwan ishee sagalee isaanii ol haa fudhatan; gandoonni Qeedaar keessa jiraatan haa gammadan. Namoonni Seelaa gammachuudhaan haa faarfatan; fiixee tulluuwwanii irraa haa iyyan.
ISA 42:12 Isaan Waaqayyoof ulfina haa kennan; biyyoota bishaan gidduu keessattis galata isaa haa labsan.
ISA 42:13 Waaqayyo akka nama jabaa tokkootti ni duula; akka goota tokkoottis onnee isaa kakaasa; sagalee ol fudhatees ni dhaadata; diinota isaa irrattis ol aantummaa argata.
ISA 42:14 “Ani yeroo dheeraaf calʼiseera; ani afaan qabadhee of dhowweera. Amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabeetti nan iyya; nan argana; hafuurris na cita.
ISA 42:15 Ani tulluuwwanii fi gaarran nan onsa; biqiltuuwwan isaanii hundas nan gogsa; ani lageen biyyoota bishaan gidduutti nan geeddara; haroowwanis nan gogsa.
ISA 42:16 Ani jaamota karaa isaan hin beekne irra nan qajeelcha; daandii duraan hin beekamin irra nan deemsisa; ani dukkana fuula isaanii dura jiru ifatti nan geeddara; lafa buʼaa bayiis wal nan qixxeessa. Wanni ani hojjedhu kanneenii dha; ani isaan hin dhiisu.
ISA 42:17 Warri waaqota tolfamoo amanatan, kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqota keenya’ jedhan garuu duubatti deebiʼu; ni salphatus.
ISA 42:18 “Isin duudota nana, dhagaʼaa; jaamota nana, ilaalaa; argaas!
ISA 42:19 Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu? Duudaan akka ergamaa ani ergu sanaas eenyu? Jaamaan akka nama anaaf of kennee, jaamaan akka Garbicha Waaqayyoo eenyu?
ISA 42:20 Ati waan baayʼee argite; garuu hin qalbeeffanne; gurri kee banaa dha; garuu ati waan tokko iyyuu hin dhageessu.”
ISA 42:21 Waaʼee qajeelummaa isaatiif jedhee seera isaa guddisuu fi ulfina qabeessa gochuun Waaqayyoon gammachiiseera.
ISA 42:22 Sabni kun garuu saba saamamee boojiʼamee dha; hundii isaanii boolla keessatti kiyyoodhaan qabamaniiru; mana hidhaa keessas dhokfamaniiru. Isaan fudhatamaniiru; kan isaan baraarus hin jiru; isaan boojiʼamaniiru; namni, “Isaan deebisaa” jedhus hin jiru.
ISA 42:23 Isin keessaa eenyutu waan kana dhaggeeffata? Bara dhufuuf jiru keessas eenyutu qalbeeffatee dhagaʼa?
ISA 42:24 Eenyutu Yaaqoobin boojuuf, Israaʼelinis saamtotatti dabarsee kenne? Kan nu cubbuu itti hojjenne, Waaqayyo mitii? Isaan sababii karaa isaa duukaa hin buuneef, seera isaatiif hin ajajamne.
ISA 42:25 Kanaafuu inni dheekkamsa isaa bobaʼaa sana, waraana hamaas isaanitti erge. Arraba ibiddaatiin isaan marse; isaan garuu hin hubanne; ibiddi sunis isaan gube; isaan garuu hin qalbeeffanne.
ISA 43:1 Amma garuu yaa Yaaqoob, Waaqayyo inni si uume, yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha: “Ani si fureeraatii hin sodaatin; ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.
ISA 43:2 Yommuu ati bishaan keessa dabartu, ani si wajjinan jira; yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan. Yommuu ibidda keessa deemtu, ati hin gubattu; arrabni ibiddaas si hin gubu.
ISA 43:3 Ani Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel Fayyisaa keeti; ani biyya Gibxi furii keetiif, qooda kee immoo Kuushii fi Saabaa nan kenna.
ISA 43:4 Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef, anis waanan si jaalladhuuf, qooda kee namoota qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.
ISA 43:5 Ani si wajjinan jiraatii hin sodaatin; ani ijoollee kee baʼa biiftuutii nan fida; lixa biiftuutiis walitti sin qaba.
ISA 43:6 Ani Kaabaan, ‘Isaan gad dhiisi!’ Kibbaan immoo ‘Isaan hin dhowwin’ nan jedha. Ilmaan koo fagoodhaa, intallan koo immoo handaara lafaatii fidi;
ISA 43:7 kan maqaa kootiin waamame hunda, kanneen ani ulfina kootiif uume, warra ani tolchee fi hojjedhe sana fidaa.”
ISA 43:8 Warra utuu ija qabanuu jaamanii utuu gurra qabanuu duudan gad baasi.
ISA 43:9 Sabni hundi tokkummaadhaan walitti haa qabamu; namoonnis wal haa gaʼan. Isaan keessaa namni duraan dursee waan kana nutti himee wantoota duraas nuuf labse eenyu? Akka warri kaan dhagaʼanii, “Kun dhugaa dha” jedhaniif, akka dhugaa qabeeyyii taʼuun isaanii mirkaneeffamuuf isaan dhuga baatota isaanii haa dhiʼeeffatan.
ISA 43:10 Waaqayyo akkana jedha; “Akka isin beektanii na amantaniif akka ani isa taʼes akka hubattaniif isin dhuga baatota koo, garbicha koo kan ani filadhee dha. Anaan dura waaqni hin hojjetamne; anaan booddees hin jiraatu.
ISA 43:11 Ana, anuma qofatu Waaqayyo; ana malees fayyisaan biraa hin jiru.
ISA 43:12 Ani mulʼiseera; fayyiseera; labseeras; ana malee waaqni ormaa gidduu keessan hin turre. Akka ani Waaqa taʼe, isin dhuga baatota koo ti” jedha Waaqayyo.
ISA 43:13 “Bara duriitii jalqabee ani isuma. Namni tokko iyyuu harka kootii waa baasuu hin dandaʼu. Ani nan hojjedha; eenyutu dhowwuu dandaʼa?”
ISA 43:14 Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani isiniif jedhee Baabilonitti loltoota ergee dooniiwwan isaan ittiin boonaniin namoota Baabilon hunda boojiʼee nan fida.
ISA 43:15 Ani Waaqayyo, Qulqullicha keessan, Uumaa Israaʼel, Mootii keessanii dha.”
ISA 43:16 Waaqayyo inni, galaana keessaan karaa, bishaanota jajjaboo keessaan immoo daandii tolche akkana jedha;
ISA 43:17 inni gaariiwwanii fi fardeen, loltootaa fi gargaartota isaanii tokkummaadhaan ariʼee baase akkana jedha; isaan achuma ciciisu; lammatas hin kaʼan; akkuma foʼaa ibsaattis dhaamanii badu;
ISA 43:18 “Wantoota durii irraanfadhaa; waan darbettis hin cichinaa.
ISA 43:19 Kunoo, ani waan haaraa tokko nan hojjedhaa! Innis amma ni biqila; isin hin hubattanii? Ani gammoojjii keessatti karaa nan qopheessa; lafa onaa keessattis burqaa nan burqisiisa.
ISA 43:20 Bineensonni bosonaa, waangoowwanii fi guchiiwwan ulfina naaf kennu; akka sabni koo kan ani filadhe dhuguuf, ani gammoojjii keessatti bishaan, lafa onaa keessattis burqaa nan kennaatii;
ISA 43:21 sabni ani ofii kootiif filadhe akka na galateeffatuuf ture.
ISA 43:22 “Yaa Yaaqoob, ati garuu na hin waammanne; yaa Israaʼel, ati fuula koo duratti dadhabdeerta.
ISA 43:23 Ati aarsaa gubamuu fi hoolota naaf hin fidne; yookaan aarsaa keetiin ulfina naaf hin kennine. Ani aarsaa midhaaniitiin si hin rakkifne; yookaan aarsaa ixaanaa gaafachuudhaan si hin dadhabsiifne.
ISA 43:24 Ati qundhii urgaa gaarii qabu naa hin binne; yookaan cooma qalma keetiitiin na hin quubsine. Garuu baʼaa cubbuu keetii natti feete; yakka keetiinis na dadhabsiifte.
ISA 43:25 “Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma.
ISA 43:26 Mee waan darbe irra naa deebiʼi; walitti dhufnee dubbii kana irratti haa falminu; dubbii kee dhiʼeeffadhuutii qajeelaa taʼuu kee mirkaneeffadhu.
ISA 43:27 Abbaan kee kan jalqabaa cubbuu hojjete; barsiistonni kee natti fincilan.
ISA 43:28 Kanaafuu ani itti gaafatamtoota mana qulqullummaa keetii nan salphisa; Yaaqoobin badiisaaf, Israaʼelin immoo tuffiif dabarsee nan kenna.
ISA 44:1 “Amma garuu yaa Yaaqoob garbicha ko, yaa Israaʼel kan ani si filadhe, dhaggeeffadhu.
ISA 44:2 Waaqayyo inni si uume, kan gadameessa keessatti si tolche, inni si gargaaru sun akkana jedha: Yaa garbicha koo Yaaqoob, yaa Yishuruun kan ani si filadhe hin sodaatin.
ISA 44:3 Ani lafa dheebote irratti bishaan, lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii; ani ijoollee kee irratti Hafuura koo, sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.
ISA 44:4 Isaan akkuma marga bishaan gidduutii fi akka muka alaltuu kan qarqara lagaa jiruutti ni lalisu.
ISA 44:5 Namni tokko, ‘Ani kan Waaqayyoo ti’ ofiin jedha; kan biraa maqaa Yaaqoobiin of waama; kaan immoo harka isaa irratti, ‘Ani kan Waaqayyoo ti’ jedhee barreeffata; maqaa Israaʼeliinis of waama.
ISA 44:6 “Waaqayyo Mootii fi Furiin Israaʼel Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaatis; ana malee Waaqni biraa hin jiru.
ISA 44:7 Yoos kan akka koo eenyu? Mee inni hafuura haa baafatu. Inni waan erga ani saba koo kan durii hundeessee as taʼe, waan hamma ammaatti hin taʼin haa dubbatu; fuula koo durattis haa ibsu; waan gara fuulduraatti taʼu illee duraan dursee haa himu.
ISA 44:8 Hin rifatinaa; hin sodaatinaa. Ani waan kana labsee bara dheeraan dura sitti hin himnee? Isin dhuga baatota koo ti. Ana malee Waaqni biraa jiraa? Lakkii, Kattaan biraa hin jiru; ani tokko iyyuu hin beeku.”
ISA 44:9 Warri waaqota tolfamoo tolchan hundi gatii hin qaban; wanni isaan hawwan faayidaa hin qabu. Warri isaaniif falmanis jaamota; isaan beekumsa hin qaban; kanaafuu ni qaaneffamu.
ISA 44:10 Eenyutu waaqa tolfamaa fi fakkii homaa isa hin fayyadne tolcha?
ISA 44:11 Isaa fi namni akka isaa ni qaaneffama; ogeeyyiin hojii harkaas namootuma malee homaa miti. Isaan hundi walitti qabamanii iddoo tokko haa dhaabatan; isaan ni naʼu; ni salphatus.
ISA 44:12 Tumtuun meeshaa ittiin waa tumu harkatti qabatee cilee bobaʼu irratti ittiin hojjeta; inni burruusaan waaqa tolfamaa tolcha; irree isaa jabaadhaanis ni miidhagsa. Inni ni beelaʼa; humnas ni dhaba; bishaan hin dhugu; ni gaggabas.
ISA 44:13 Namni muka soofu funyoodhaan safara cilaattiidhaan mallattoo itti godha; qirixiidhaan qiriixee safartuudhaan mallattoo itti godha. Fakkii namaatiin hojjeta; akka inni galma waaqeffannaa keessa jiraatuufis miidhagina namaa itti tolcha.
ISA 44:14 Inni birbirsa mura; gaattiraa yookaan qilxuu filata. Akka inni mukkeen bosonaa keessatti guddatuuf ni dhiisa; yookaan hadheessa dhaaba; bokkaanis isa guddisa.
ISA 44:15 Mukni sun qoraan bobeeffamu taʼa; namni muraasa isaa fudhatee bobeessee qaqqaammata; ibidda qabsiisee buddeena ittiin tolfata. Waaqa sobaas tolfatee waaqeffata; waaqa tolfamaas tolfatee gad jedhee sagadaaf.
ISA 44:16 Gartokkee mukkeen sanaa ni bobeessa; isa irratti nyaata bilcheeffata; foonis irratti waaddatee hamma quufutti nyaata. Ibidda qaqqaammachaas, “Ishoo! Ibiddi natti hoʼe; ibidda nan arga” jedha.
ISA 44:17 Mukkeen hafaniin immoo waaqa sobaa, waaqa isaa tolfamaa tolfata; gad jedhees ni sagadaaf. Isa kadhatees, “Situ Waaqa koo ti; na baraari” jedhaan.
ISA 44:18 Isaan homaa hin beekan; homaa hin hubatanis; akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haguugameera; akka hin hubanneefis qalbiin isaanii cufameera.
ISA 44:19 Namni tokko iyyuu itti hin yaadu; namni tokko iyyuu akkana jechuuf beekumsa yookaan hubannaa hin qabu; “Ani walakkaa isaa qoraan godhadheera; cilee isaa irratti buddeena tolfadhee foon ittiin waaddadhee nyaadheera. Ani amma waan hafe kanaan waan jibbisiisaa nan hojjedhaa? Ani gad jedhee jirmaaf sagaduu qabaa?”
ISA 44:20 Inni daaraa nyaata; garaan gowwoomfames karaa irraa isa jalʼiseera; inni of oolchuu yookaan, “Wanni harka koo mirgaa keessa jiru kun soba mitii?” jechuu hin dandaʼu.
ISA 44:21 “Yaa Yaaqoob, ati waan kana yaadadhu; yaa Israaʼel, ati garbicha koo ti. Ani si tolcheera; atis garbicha koo ti; yaa Israaʼel, ani si hin dagadhu.
ISA 44:22 Ani yakka kee akkuma duumessaa, cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera. Ani si fureeraatii, ati gara kootti deebiʼi.”
ISA 44:23 Yaa samiiwwan, Waaqayyo waan kana godheeraatii gammachuudhaan faarfadhaa; yaa qileewwan lafaa, gammachuudhaan iyyaa. Isin yaa tulluuwwan, bosonoonnii fi mukkeen keessan hundi ililchaa; Waaqayyo Yaaqoobin furee Israaʼel keessatti ulfina isaa ibseeraatii.
ISA 44:24 “Waaqayyo Furiin kee, kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha: Ani Waaqayyo Tolchaan waan hundaa isa samiiwwan diriirse, isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha;
ISA 44:25 isa mallattoo raajota sobaa busheessee ilaaltota raatessu, isa ogeeyyii duubatti deebisee beekumsa isaanii faayidaa dhabsiisuu dha;
ISA 44:26 isa dubbii garboota isaa mirkaneessee raajii ergamoota isaa fiixaan baasu, isa, ‘Isheen iddoo jireenyaa ni taati’ jedhee waaʼee Yerusaalem dubbate, isa, ‘Isaan ni ijaaramu, diigamaa isaaniis nan haaromsa’ jedhee waaʼee magaalaawwan Yihuudaa dubbatuu dha;
ISA 44:27 isa tuujubaan, ‘Ati gogi; ani lageen kee nan gogsa’ jedhu,
ISA 44:28 isa Qiirosin, ‘Inni tiksee koo ti; fedhii koo hundas ni raawwata; inni waaʼee Yerusaalem, “Isheen deebifamtee haa ijaaramtu” waaʼee mana qulqullummaa immoo, “Hundeen isaa haa hundeeffamu” jedhee dubbatu sun anuma.’
ISA 45:1 “Waaqayyo dibamaa isaa Qiiros, kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee harka isaa mirgaa qabee akka karrawwan hin cufamneef, balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha:
ISA 45:2 Ani fuula kee dura deemee tulluuwwan wal nan qixxeessa; karrawwan naasii nan caccabsa; danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.
ISA 45:3 Ati akka ani Waaqayyo Waaqa Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf, ani badhaadhummaa dukkana keessaa, qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna.
ISA 45:4 Ati na beekuu baattu iyyuu, ani garbicha koo Yaaqoobiif, Israaʼel filatamaa kootiif jedhee maqaa keetiin si waameera; maqaa ulfinaas siif kenneera.
ISA 45:5 Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru; ana malee Waaqni tokko iyyuu hin jiru. Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa;
ISA 45:6 Kunis akka namoonni baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, ana malee kan biraa akka hin jirre beekaniif. Ani Waaqayyo; ana malee tokko iyyuu hin jiru.
ISA 45:7 Ani ifa nan tolcha; dukkanas nan uuma; badhaadhummaa nan fida; balaas nan uuma; ani Waaqayyo wantoota kanneen hunda nan godha.
ISA 45:8 “Yaa samiiwwan, isin ol gubbaadhaa qajeelummaa roobsaa; duumessoonnis gad coccobsaa. Lafti haa banamtu; fayyinni haa biqilu; qajeelummaanis isa wajjin haa guddatu; ani Waaqayyo waan kana uumeera.
ISA 45:9 “Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo. Supheen, suphee dhooftuudhaan, ‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa? Hojiin ati hojjettus, ‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?
ISA 45:10 Nama Abbaadhaan, ‘Ati maal dhalchite?’ yookaan haadhaan, ‘Ati maal deesse?’ jedhuuf wayyoo.
ISA 45:11 “Waaqayyo, Qulqullichi Israaʼel Uumaan ishee sun akkana jedha: Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis, ‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa; yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’
ISA 45:12 Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana. Harki koo samiiwwan diriirseera; raayyaa isaanii hundas ajajeera.
ISA 45:13 Ani qajeelummaa kootiin Qiirosin ol nan kaasa: Karaa isaa hundas wal nan qixxeessa. Inni magaalaa koo deebisee ijaara; boojiʼamtoota koos bilisa baasa; garuu gatiidhaan yookaan badhaasaan miti, jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.”
ISA 45:14 Waaqayyo akkana jedha: “Qabeenyi Gibxii fi daldalli Itoophiyaa, namoonni dhedheeroon Saabaa, gara kee ni dhufu; kan kees ni taʼu; isaan foncaadhaan hidhamanii dugda duubaan si duukaa buʼu. Fuula kee durattis gad jedhanii ‘Dhugumaan Waaqni si wajjin jira; isa malees tokko iyyuu hin jiru; isa malees Waaqni biraa hin jiru’ jedhanii si kadhatu.”
ISA 45:15 Yaa Waaqi, Fayyisaa Israaʼel, ati dhugumaan Waaqa of dhoksituu dha.
ISA 45:16 Warri waaqota tolfamoo tolchan hundinuu ni qaanaʼu; ni salphatu; walii wajjinis salphina keessa buʼu.
ISA 45:17 Israaʼel garuu fayyina bara baraatiin Waaqayyo ni fayyifama; isin bara baraan hin qaanoftan; yookaan hin salphattan.
ISA 45:18 Waaqayyo akkana jedha; kan samiiwwan uume, inni Waaqa; inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse; inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume malee akka isheen ona taatuuf ishee hin uumne; inni akkana jedha; “Ani Waaqayyo; ana malee kan biraa hin jiru.
ISA 45:19 Ani biyya dukkanaa keessaa dhoksaadhaan hin dubbanne; ani sanyiiwwan Yaaqoobiin, ‘Akkasumaan na barbaadaa’ hin jenne. Ani Waaqayyo dhugaa nan dubbadha; waan qajeelaas nan labsa.
ISA 45:20 “Walitti qabamaa kottaa; isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa. Warri waaqa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan, kanneen waaqota fayyisuu hin dandeenye kadhatan homaa beekumsa hin qaban.
ISA 45:21 Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas; isaanis walii wajjin haa mariʼatan. Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime? Duruma iyyuu eenyutu labse? Anuma Waaqayyo mitii? Ana malee Waaqni qajeelaa fi Fayyisaan tokko iyyuu hin jiru; ana malee tokko illee hin jiru.
ISA 45:22 “Isin warri handaara lafaa hundi, gara kootti deebiʼaatii fayyaa; ani Waaqa; ana malee kan biraa hin jiruutii.
ISA 45:23 Ani mataa kootiin kakadheera; afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaan dubbii hin geeddaramne dubbateera; ‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata; arrabni hundis anaan kakata.’
ISA 45:24 Isaanis, ‘Qajeelummaa fi jabinni Waaqayyo qofaan argama’ jedhanii waaʼee koo ni dubbatu.” Warri aariidhaan isatti kaʼan hundi, gara isaa dhufanii ni qaanaʼu.
ISA 45:25 Sanyiin Israaʼel hundi garuu, Waaqayyoon qajeeltota taasifamu; ni kabajamus.
ISA 46:1 Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa; waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru; fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha; horii dadhabeef baʼaa dha.
ISA 46:2 Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu; baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan; isaan iyyuu ni boojiʼamu.
ISA 46:3 “Yaa mana Yaaqoob, isin hambaan mana Israaʼel hundi, warri ani gaafa isin gadameessa keessatti uumamtanii jalqabee ol isin qabee gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.
ISA 46:4 Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti, ani isa; isuma isin jiraachisuu dha. Ani isin uumeera; isinan baadhas; ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
ISA 46:5 “Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu? Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu?
ISA 46:6 Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii madaalliidhaan meetii madaalu; Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru; isaanis gad jedhanii sagaduuf.
ISA 46:7 Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu; iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata. Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu. Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu; inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.
ISA 46:8 “Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa; qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa.
ISA 46:9 Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa; ani Waaqa; kan biraa hin jiru; ani Waaqa; kan akka koo hin jiru.
ISA 46:10 Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.
ISA 46:11 Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu, lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama. Ani waanan dubbadhe nan guuta; waanan karoorfadhes nan raawwadha.
ISA 46:12 Yaa mata jabeeyyii, isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa.
ISA 46:13 Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa; innis fagoo hin jiru; fayyisuun koos hin barfatu. Ani Xiyooniif fayyina, Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.
ISA 47:1 “Yaa intala Baabilon Durba Qulqullittii, gad buʼi; awwaara irra taaʼi; yaa Intala Baabilonotaa, teessoo malee lafa taaʼi! Ati siʼachi bareedduu yookaan kichuu jedhamtee hin waamamtu.
ISA 47:2 Dhagaa daakuu fudhadhuutii midhaan daaki; haguuggii kee of irraa fuudhi. Wandaboo kee soqoladhu; gudeeda kee mulʼisi; laga ceʼi.
ISA 47:3 Qullaan kee ifatti ni baʼa; qaaniin kees hin dhokatu. Ani haaloo nan baʼa; ani nama tokko iyyuu hin dhiisu.”
ISA 47:4 Furiin keenya maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha; inni Qulqullicha Israaʼel.
ISA 47:5 “Yaa Intala Baabilonotaa, calʼisii taaʼiitii dukkana seeni; ati siʼachi mootittii mootummootaa jedhamtee hin waamamtu.
ISA 47:6 Ani saba kootti dheekkameera; handhuuraa koos xureesseera; ani dabarsee harka keetti isaan kenneera; atis garaa hin laafneef. Warra dullooman irra iyyuu waanjoo ulfaataa keesse.
ISA 47:7 Ati, ‘Ani bara baraan itti fufee mootittii bara baraa nan taʼa!’ jette. Ati garuu wantoota kana hin hubanne yookaan dhumni isaanii maal akka taʼu hin yaadanne.
ISA 47:8 “Ammas yaa ishee qananiituu, kan nagaan jiraattee garaa kee keessattis, ‘Anuma; ana malee tokko iyyuu hin jiru; ani siʼachi haadha hiyyeessaa yookaan nama dhalee dhabe hin taʼu’ ofiin jettu dhagaʼi.
ISA 47:9 Wantoonni kunneen lamaan, dhalanii dhabuu fi haadha hiyyeessaa taʼuun akkuma tasaa guyyuma tokkotti sitti dhufu. Isaan baayʼina falfala keetiitii fi tolcha kee cimaa sanaa hunda irraan iyyuu humna isaanii guutuudhaan sitti dhufu.
ISA 47:10 Ati hammina kee amanattee, ‘Namni tokko iyyuu na hin argu’ jette. Yeroo ati garaa kee keessatti, ‘Ana; ana malee namni biraa hin jiru’ jettutti, ogummaa fi beekumsi kee si dogoggorsu.
ISA 47:11 Wanni hamaan sitti dhufa; ati immoo eessaa akka inni dhufu hin beektu. Balaan ati of irraa ittisuu hin dandeenye tokko sitti dhufa; badiisni ati duraan dursitee hin beekin akkuma tasaa sitti dhufa.
ISA 47:12 “Yoos ati tolcha keetii fi falfala kee baayʼee ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde sana jabeessii eegi. Yoo akkas taʼe ati ni milkoofta; yoo akkas taʼe nama ni sodaachifta taʼa.
ISA 47:13 Gorsi ati argatte hundi dadhabbii qofa sitti fide! Urjii lakkooftonni kee warri jiʼa jiʼaan urjii ilaalanii raajan sun, mee waan sitti dhufu duraa si haa baasan kaa.
ISA 47:14 Dhugumaan isaan akkuma cidii ti; ibiddi isaan guba. Isaan mataa isaanii iyyuu, humna arraba ibiddaa jalaa baasuu hin dandaʼan. Barbadaan ibiddaa kan namni hoʼifatu tokko iyyuu hin jiru; ibiddi bira taaʼanis hin argamu.
ISA 47:15 Wanni warri ati wajjin dadhabdee ijoollummaa keetii jalqabdee wajjin daldalte sun siif gochuu dandaʼan kanuma. Tokkoon tokkoon isaanii dogoggora isaanii itti fufan; kan si baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
ISA 48:1 “Yaa mana Yaaqoob, isin warri maqaa Israaʼeliin waamamtan, kanneen sanyii Yihuudaa irraa argamtan, isin warri maqaa Waaqayyootiin kakattanii garuu dhugaadhaan yookaan qajeelummaadhaan utuu hin taʼin maqaa Waaqa Israaʼel dhooftan waan kana dhaggeeffadhaa;
ISA 48:2 isin warri maqaa magaalaa qulqullittiitiin of waamtan, kanneen Waaqa Israaʼelitti irkattan, waan kana dhaggeeffadhaa; maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
ISA 48:3 Ani wantoota durii duraan dursee dubbadheera; isaan afaan kootii baʼan; 1 anis akka isaan beekaman nan godhe; anis akkuma tasaa hojjedhe; isaanis ni raawwataman.
ISA 48:4 Ani akka ati mata jabeessa taate beekeen tureetii; ribuun morma keetii sibiila ture; addi kee naasii ture.
ISA 48:5 Kanaafuu ani wantoota kanneen bara dheeraan dura sitti himeera; ani akka ati, ‘waaqota koo tolfamootu isaan hojjete; fakkii koo kan muka irraa hojjetamee fi waaqa sibiila irraa hojjetametu murteesse’ jechuu hin dandeenyeef utuu isaan hin uumaminiin dura sitti himeera.
ISA 48:6 Ati wantoota kanneen dhageesseerta; isaan hunda ilaali. Ati isaan amantee hin fudhattuu? “Ani ammaa jalqabee waan haaraa, waan dhokfamee jiru kan ati hin beekin sitti nan hima.
ISA 48:7 Isaan amma uumaman malee bara dheeraan dura miti; ati harʼaan dura waaʼee isaanii hin dhageenye. Kanaafuu ati, ‘Kunoo ani waaʼee isaanii beekeen ture’ jechuu hin dandeessu.
ISA 48:8 Ati takkumaa dhageessee yookaan hubattee hin beektu; gurri kee durumaa jalqabee hin banamne. Ani akka ati micciiramaa taate beeka; ati dhaloota keetii jalqabdee fincilaa jedhamtee waamamte.
ISA 48:9 Ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan tursiisa; ani akka si hin balleessineef galata kootiif jedhee dheekkamsa koo duubatti harkisa.
ISA 48:10 Kunoo, ani yoo akka meetiitti taʼuu baate iyyuu si qulqulleesseera; ibidda dhiphinaa keessattis qoree si ilaaleera.
ISA 48:11 Ani ofii kootiif jedhee, ofuma kootiif jedhee waan kana nan godha. Maqaan koo akkamitti baduu dandaʼa? Ani ulfina koo dabarsee kan biraatiif hin kennu.
ISA 48:12 “Yaa Yaaqoob, Yaa Israaʼel kan ani si waame, na dhaggeeffadhu: Ani isuma; ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaa ti.
ISA 48:13 Harki koo hundeewwan lafaa dhaabe; harki koo mirgaa immoo samiiwwan diriirse; yommuu ani isaan waamutti, hundi isaanii walii wajjin dhaabatu.
ISA 48:14 “Hundi keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa; waaqota tolfamoo keessaa kamitu duraan dursee wantoota kanneen dubbate? Michuun Waaqayyoo filatamaan kaayyoo Waaqaa Baabilon irratti fiixaan baasa; irreen isaa Baabilonotatti kaʼa.
ISA 48:15 Ani, ani mataan koo dubbadheera; dhugumaan ani isa waameera. Ani isa nan fida; innis karaa isaa irratti ni milkaaʼa.
ISA 48:16 “Natti dhiʼaadhaatii waan kana dhagaʼaa: “Ani jalqabumaa kaasee dhoksaatti hin dubbanne; yeroo wanni sun taʼettis ani achuman ture.” Ammas Waaqayyo Gooftaanii fi Hafuurri isaa na erganiiru.
ISA 48:17 Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan waan siif tolu si barsiisu, kan karaa ati deemuu qabdu irra si qajeelchuu dha.
ISA 48:18 Ati utuu ajaja koo qalbeeffattee jiraattee, nagaan kee akka lagaa, qajeelummaan kee immoo akka dhaʼaa galaanaa taʼa ture.
ISA 48:19 Sanyiin kee akkuma cirrachaa, ijoolleen kee akkuma biyyoo lafaa baayʼatu ture; maqaan isaanii hin haqamu; isaanis fuula koo duraa hin dhabaman ture.”
ISA 48:20 Baabilon keessaa baʼaa; Baabilonota duraa baqadhaa! Waan kana iyya gammachuutiin beeksisaa; labsaas. Hamma handaara lafaatti dabarsaa; “Waaqayyo garbicha isaa Yaaqoobin fureera” jedhaa.
ISA 48:21 Isaan yommuu inni lafa gammoojjii keessa isaan qajeelchetti hin dheebonne; inni kattaa keessaa bishaan burqisiiseef; inni kattaa dhoosee, bishaanis humnaan cabsee baʼe.
ISA 48:22 “Hamootaaf nagaan hin jiru” jedha Waaqayyo.
ISA 49:1 Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa; yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa: Utuu ani hin dhalatin dura Waaqayyo na waame; utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase.
ISA 49:2 Inni afaan koo akka goraadee qaramee godhe; gaaddidduu harka isaatiin na dhokse; xiyya cululuqfame na godhee, manʼee xiyya isaa keessa na kaaʼate.
ISA 49:3 Innis, “Yaa Israaʼel, ati garbicha koo kan ani ulfina koo isa irratti mulʼisuu dha” anaan jedhe.
ISA 49:4 Ani garuu, “Akkasumaanan itti dadhabe; humna koos waanuma faayidaa hin qabnettan fixe. Taʼus dhugaan koo harka Waaqayyoo, gatiin koos Waaqa bira jira” nan jedhe.
ISA 49:5 Waan ani fuula Waaqayyoo duratti ulfina argadhee Waaqni koo jabina naa taʼeef, Waaqayyo inni akka ani Yaaqoobin deebisee gara isaatti fiduuf, Israaʼelin isa biratti walitti qabuuf, akka ani garbicha isaa taʼuuf gadameessa keessatti na tolche sun akkana jedha;
ISA 49:6 Innis, “Ati gosoota Yaaqoob deebiftee dhaabuuf, Israaʼeloota ani eege sanas deebiftee fiduuf garbicha koo taʼuun kee siif baayʼee salphaa dha. Akka fayyinni koo qarqara lafaa gaʼuuf ani Namoota Ormaatiif ibsaa sin taasisa” jedha.
ISA 49:7 Waaqayyo Furii fi Qulqullichi Israaʼel, isa namaan tuffatamee sabnis jibbe, tajaajilaa bulchitootaa sanaan akkana jedha: “Sababii Waaqayyo amanamaa Qulqullicha Israaʼel isa si filate sanaatiif jedhanii mootonni si arganii ol kaʼu; ilmaan moototaas arganii sagadu.”
ISA 49:8 Waaqayyo akkana jedha: “Ani yeroo fudhatama qabutti siifin deebisa; gaafa fayyinaattis sin gargaara; akka ati dhaala abbaa hin qabne deebiftee dhaalchiftuuf, ani sin eega; akka ati sabaaf kakuu taatus sin godha;
ISA 49:9 akka ati warra boojiʼamaniin, ‘Kottaa baʼaa’ warra dukkana keessa jiraataniin immoo, ‘Bilisa baʼaa’ jettu sin godha. “Isaan karaa irratti waa nyaatu; gaara qulqullaaʼaa irrattis iddoo qubataa argatu.
ISA 49:10 Isaan hin beelaʼan; hin dheebotanis; hoʼi gammoojjii yookaan aduun isaan hin gubu. Inni isaaniif garaa laafu isaan geggeessa; qarqara burqaa bishaanii irra isaan qajeelcha.
ISA 49:11 Tulluuwwan koo hunda karaatti nan geeddara; daandiiwwan koo gurguddaanis wal qixxeeffamu.
ISA 49:12 Kunoo, isaan biyya fagoodhaa ni dhufu; gariin kaabaa, gariin dhiʼaa, kaan immoo biyya Aswaaniitii ni dhufu.”
ISA 49:13 Yaa samiiwwan, ililchaa; yaa lafa gammadi; yaa tulluuwwan, guddisaa faarfadhaa! Waaqayyo saba isaa ni jajjabeessa; warra rakkataniifis garaa ni laafaatii.
ISA 49:14 Xiyoon garuu, “Waaqayyo na gateera; Gooftaanis na irraanfateera” jette.
ISA 49:15 “Haati daaʼima ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
ISA 49:16 Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera; dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.
ISA 49:17 Ilmaan kee ariitiidhaan ni dachaʼu; warri si diiganis sirraa baqatu.
ISA 49:18 Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; ilmaan kee hundi walitti qabamanii gara kee ni dhufu. Ani jiraataadhaatii” jedha Waaqayyo. “Ati isaan kanneen hunda akka faayaatti ni uffatta; akka misirroottis ittiin miidhagfamta.
ISA 49:19 “Ati diigamtee ontee biyyi kee barbadaaʼu iyyuu amma saba keetti lafti ni dhiphata; warri si liqimsan sirraa ni fagaatu.
ISA 49:20 Ijoolleen ati yeroo gadda keetiitti deesse, utuma gurri kee dhagaʼuu, ‘Lafti kun nutti dhiphateera; lafa irra jiraannu nuuf kenni’ siin jedhu.
ISA 49:21 Ergasii ati garaa keetti akkana jetta; ‘Eenyutu jara kanneen naa daʼe? Ani gaddituu fi maseentuun ture; ani baqattuu fi jibbamtuun ture. Isaan kanneen eenyutu guddise? Ani kophaatti hafeen ture; yoos, isaan kunneen eessaa dhufan ree?’ ”
ISA 49:22 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Kunoo ani namoota ormaa harkaan nan waama; faajjii koos uummataaf ol nan qaba; isaan ilmaan kee hammatanii fidu; intallan kee immoo gatiittii isaaniitti baatu.
ISA 49:23 Mootonni abbootii kee kanneen si guddisan, niitonni isaanii immoo haadhota kee kanneen harma si hoosisan ni taʼu. Isaan adda isaaniitiin lafatti gombifamanii siif sagadu; awwaara miilla keetii illee ni arraabu. Ergasii ati akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta; warri na abdatan hin salphatan.”
ISA 49:24 Gootota harkaa boojuu fudhachuun, gara jabeeyyii harkaas boojuu baasuun ni dandaʼamaa?
ISA 49:25 Waaqayyo garuu akkana jedha: “Eeyyee, gootota harkaa boojiʼamtoonni ni baafamu; gara jabeeyyii harkaas boojuun ni fudhatama; warra siin falmaniin nan falma; ijoollee kees nan baraara.
ISA 49:26 Ani akka warri si hacuucan foon ofii isaanii nyaatan nan godha; isaan akkuma nama daadhii wayiniitiin machaaʼuu dhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu. Ergasii sanyiin namaa hundi, akka ani Waaqayyo, Fayyisaan kee, Furiin kee, Jabaa Yaaqoob taʼe ni beeka.”
ISA 50:1 Waaqayyo akkana jedha: “Waraqaan ragaa, kan ani ittiin haadha keessan hiikee of irraa ittiin ishee geggeesse meerre? Yookaan namni liqii narraa qabu kan ani itti isin gurgure eenyu? Isin sababii cubbuu keessaniif gurguramtaniirtu; sababii yakka keessaniitiifis haati keessan ariʼamteerti.
ISA 50:2 Yeroo ani dhufetti namni maaliif achi hin jiraatin? Yeroo ani waametti namni owwaatu maaliif achii dhabame? Harki koo akka furuu hin dandeenyeef gabaabateeraa? Ani isin baraaruuf humna dhabeeraa? Ani dheekkamsa qofaan galaana nan gogsa; lageenis gammoojjiitti nan geeddara; qurxummiiwwan isaanii bishaan dhabanii ajaaʼu; dheebuudhaanis ni dhumu.
ISA 50:3 Ani samiitti dukkana nan uffisa; wayyaa gaddaas itti nan haguuga.”
ISA 50:4 Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf, Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera. Inni ganama ganama na dammaqsa; akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.
ISA 50:5 Waaqayyo Gooftaan gurra koo naa baneera; anis fincilaa hin turre; ani dugda duubatti hin deebine.
ISA 50:6 Ani warra na rukutanitti dugda koo, warra areeda narraa buqqisanitti immoo maddii koo nan kenne; yeroo isaan natti qoosanii hancufa natti tufanitti, ani fuula koo isaan hin dhokfanne.
ISA 50:7 Sababii Waaqayyo Gooftaan na gargaaruuf, ani hin salphifamu. Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera; ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.
ISA 50:8 Inni dhugaa naaf baasu dhiʼoo jira. Yoos eenyutu na himata ree? Mee walitti gad haa baanu! Himataan koo eenyu? Inni mee natti gad haa baʼu!
ISA 50:9 Waaqayyo Gooftaatu na gargaara. Eenyutu natti mura? Isaan hundi akkuma wayyaa moofaʼu; dholdholeenis isaan nyaatti.
ISA 50:10 Isin keessaa kan Waaqayyoon sodaatee dubbii garbicha isaatiif ajajamu eenyu? Namni dukkana keessa deddeebiʼu, kan ifa hin qabne, maqaa Waaqayyoo amanatee Waaqa isaatti haa irkatu.
ISA 50:11 Amma garuu isin warri ibidda bobeessitanii guca bobaʼaa deemu qabattan hundinuu ifa ibiddaa keessaniitii fi ifa guca bobeessitanii keessa deemaa. Wanni isin harka koo irraa argattan kanaa dha; isin dhiphinaan ni ciciiftu.
ISA 51:1 “Isin warri qajeelummaa duukaa buutan, warri Waaqayyoon barbaaddan na dhaggeeffadhaa: Isin kattaa irraa argamtan, boolla keessaa baafamtan sana ilaalaa.
ISA 51:2 Abbaa keessan Abrahaamii fi Saaraa ishee isin deesse sana ilaalaa. Yeroo ani isa waametti, inni tokkicha ture; ani isa nan eebbise; nan baayʼises.
ISA 51:3 Waaqayyo dhugumaan Xiyoonin ni jajjabeessa; diigama ishee hundas gara laafinaan ni ilaala; inni gammoojjii ishee goggogaa akka Eeden, lafa onaa ishees akka iddoo biqiltuu Waaqayyoo ni godha. Ililchuu fi gammaduun, galannii fi sagaleen faarfannaa ishee keessatti argama.
ISA 51:4 “Yaa uummata koo na dhaggeeffadhaa; yaa saba koo na dhagaʼaa; seerri na biraa baʼa; murtiin koos sabootaaf ifa taʼa.
ISA 51:5 Qajeelummaan koo dafee dhiʼaata; fayyisuun koos dhufaa jira; irreen koo moototaaf murtii qajeelaa fida; biyyoonni bishaan gidduu na eeggatu; irree koos ni abdatu.
ISA 51:6 Ija keessan gara samiiwwaniitti ol qabadhaa; lafas gad ilaalaa; samiiwwan akkuma aaraa ni badu; lafti akkuma wayyaa moofofti. Jiraattonni ishees akkuma tisiisaa ni duʼan. Fayyisuun koo garuu bara baraan jiraata; qajeelummaan koos hin badu.
ISA 51:7 “Isin warri waan qajeelaa beektan namoonni seera koo garaa keessaa qabdan na dhagaʼaa; tuffii namootaa hin sodaatinaa; yookaan arrabsoo isaaniitiin hin raafaminaa.
ISA 51:8 Biliin akka wayyaatti isaan nyaatti; raammoonis akkuma rifeensa hoolaatti isaan fixxi. Garuu qajeelummaan koo bara baraan, fayyisuun koos dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.”
ISA 51:9 Yaa irree Waaqayyoo, kaʼi; kaʼi! Jabina uffadhu; akkuma baroota darbanii, akkuma dhaloota durii keessatti taʼe sana kaʼi. Kan Raʼaabin kukkute, kan jawwee galaanaa waraane sun suma mitii?
ISA 51:10 Inni akka warri furaman ceʼaniif, galaanicha, bishaan tuujuba guddichaa gogse, kan dhidhima galaanaa keessaan karaa baase suma mitii?
ISA 51:11 Warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
ISA 51:12 “Kan isin jajjabeessu ana; anuma. Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle, ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree?
ISA 51:13 Ati kan Waaqayyo Tolchaa kee, isa samiiwwan diriirsee hundee lafaa buuse sana dagattu eenyu? Ati kan sababii dheekkamsa cunqursaa waa balleessuuf qophaaʼe sanaatiif utuu gargar hin kutin guyyaa guyyaan sodaattu eenyu? Yoos dheekkamsi cunqursaa sanaa meerree?
ISA 51:14 Boojiʼamtoonni hidhaman ariitiidhaan gad dhiifamu; isaan boolla itti hidhaman keessatti hin duʼan yookaan buddeena hin dhaban.
ISA 51:15 Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan akka dhaʼaan bishaanii huursuuf galaana raasuu dha; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
ISA 51:16 Ani kan samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe, kan hundee lafaa hundeessee Xiyooniin, ‘Ati saba koo ti’ jedhe sun, dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera; gaaddidduu harka kootiinis si haguugeera.”
ISA 51:17 Yaa Yerusaalem, ati kan harka Waaqayyoo irraa, xoofoo dheekkamsa isaa keessaa dhugde, ati kan xoofoo dhugaatii nama gatantarsuu keessaa siicoo isaa xuruurfattee dhugde, dammaqi, dammaqi! Ol kaʼi.
ISA 51:18 Ilmaan isheen deesse hunda keessaa, kan ishee qajeelchu tokko iyyuu hin turre; ilmaan isheen guddifte hunda keessaas, kan harka ishee qabu tokko iyyuu hin turre.
ISA 51:19 Balaawwan kunneen dachaadhaan sitti dhufaniiru; egaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa? Diigamnii fi badiisni, beellii fi goraadeen sitti dhufaniiru; eegaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa?
ISA 51:20 Ijoolleen kee gaggabaniiru; akkuma borofa kiyyoon qabame tokkoo, roga karaa irra ciciisu. Isaan dheekkamsa Waaqayyootiin, ifata Waaqa keetiinis guutamaniiru.
ISA 51:21 Kanaafuu yaa ishee miidhamte, kan utuu daadhii wayinii hin dhugin machoofte, waan kana dhagaʼi.
ISA 51:22 Waaqayyo Gooftaan kee, Waaqni kee inni saba isaa eegu akkana jedha: “Kunoo ani xoofoo dhugaatii nama gatantarsu harka keetii fuudheera; ati siʼachi xoofoo dheekkamsa koo keessaa deebitee hin dhugdu.
ISA 51:23 Anis xoofoo sana harka warra si dhiphisan kanneen, ‘Akka nu sirra yaanuuf, lafa irra diriirfami’ siin jedhan sanaa keessa nan kaaʼa. Ati immoo dugda kee akkuma lafaa, akkuma daandii namni irra deemuu goote.”
ISA 52:1 Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi; jabina kee uffadhu! Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii, wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu. Namoonni dhagna hin qabaminii fi xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.
ISA 52:2 Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu; kaʼiitii teessoo irra taaʼi. Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii, foncaa morma keetii of irraa hiiki.
ISA 52:3 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Isin gatii malee gurguramtanii turtan; amma immoo maallaqa malee furamtan.”
ISA 52:4 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe; ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.
ISA 52:5 “Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Waaqayyo. “Sabni koo sababii malee fudhatameera; warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Waaqayyo. “Guyyaa guutuus, maqaan koo ittuma fufee arrabsama.
ISA 52:6 Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka; kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate akka ana taʼe ni beeku. Eeyyee, inni anuma.”
ISA 52:7 Miilli warra wangeela fidanii, kan nagaa labsanii, kan oduu gammachiisaa fidanii, kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin, “Waaqni kee moʼeera!” jedhanii tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!
ISA 52:8 Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru; isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu. Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti, isaan ijuma isaaniitiin ni argu.
ISA 52:9 Yaa diigamtoota Yerusaalem tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa; Waaqayyo uummata isaa jajjabeessee Yerusaaleminis fureeraa.
ISA 52:10 Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti, irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa; handaarri lafaa hundis fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu.
ISA 52:11 Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa; addaan baʼaa; achii fagaadhaa! Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa! Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.
ISA 52:12 Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan; yookaan baqattanii hin deemtan; Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii; Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega.
ISA 52:13 Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta; inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.
ISA 52:14 Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti, fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera; bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;
ISA 52:15 akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa; mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu. Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii; waan hin dhagaʼinis ni hubatu.
ISA 53:1 Ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mulʼate?
ISA 53:2 Inni fuula isaa duratti akkuma biqiltuu kichuu, akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼu tokkootti guddate. Akka nu isa ilaalluuf, inni bifa hin tolu, yookaan simboo hin qabu; akka nu isa hawwinuufis miidhagina hin qabu.
ISA 53:3 Inni nama biratti tuffatamee jibbame; inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
ISA 53:4 Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; gadda keenyas baate; nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
ISA 53:5 Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.
ISA 53:6 Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; Waaqayyos balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.
ISA 53:7 Inni ni cunqurfame; ni dhiphates; garuu afaan isaa hin saaqqanne; inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu, akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu, akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
ISA 53:8 Inni cunqursaa fi murtiidhaan fudhatame. Eenyutu waaʼee dhaloota isaa dubbachuu dandaʼa? Inni biyya jiraattotaa irraa kutameeraatii; dogoggora saba kootiifis rukutameera.
ISA 53:9 Inni goolii kaasuu baatu iyyuu, yookaan sobni afaan isaatii baʼuu baatu iyyuu akka awwaalli isaa hamoota wajjin duuti isaas sooreyyii wajjin taʼu godhan.
ISA 53:10 Taʼus isa dirmammeessuu fi isa dhiphisuun fedhii Waaqayyoo ture; Waaqayyo lubbuu isaa aarsaa yakkaa godhu iyyuu inni sanyii isaa ni arga; umurii isaas ni dheeressa; fedhiin Waaqayyoos harka isaatti ni raawwatama.
ISA 53:11 Inni erga lubbuun isaa dhiphatee booddee, ifa ni arga; ni gammadas; garbichi koo qajeelaan sun beekumsa isaatiin namoota baayʼee qajeeltota taasisa; yakka isaaniis ni baata.
ISA 53:12 Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; inni lubbuu isaa duʼaaf kennee yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee yakkamtootaaf araara buuseera.
ISA 54:1 “Yaa dubartii dhabduu, kan takkumaa hin daʼin, amma faarfadhu; ati kan takkumaa ciniinsifattee hin beekin iyyii faarfadhu; guddisiitii ililchi. Ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu” jedha Waaqayyo.
ISA 54:2 “Iddoo dunkaana keetii balʼifadhu; golgaa dunkaana keetii balʼisii diriirsi; walitti hin dachaasin; funyoo kee dheereffadhu; qofoo kees jabeeffadhu.
ISA 54:3 Ati gara mirgaattii fi gara bitaatti ni babalʼattaatii; sanyiiwwan kee saboota ni dhaalu; magaalaawwan isaanii kanneen duwwaa hafan keessas ni qubatu.
ISA 54:4 “Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii. Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii; Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta; tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu.
ISA 54:5 Uumaan kee dhirsa keeti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha; Qulqullichi Israaʼel Furii kee ti; innis Waaqa guutummaa lafaa jedhama.
ISA 54:6 Waaqayyo akka waan ati akkuma niitii gatamtee garaan ishee gaddee, akka niitii dargaggeessaa kan jibbamteetti deebisee ofitti si waama” jedha Waaqni kee.
ISA 54:7 “Ani yeroo muraasaafan si dhiise; garuu gara laafina guddaadhaan deebisee sin fida.
ISA 54:8 Ani dheekkamsa guddaadhaan yeroo muraasaaf fuula koo si dhokfadheen ture; garuu jaalala bara baraatiin, garaa siifin laafa” jedha Waaqayyo Furiin kee.
ISA 54:9 “Wanni kun anaaf akkuma bara Nohi, yeroo ani itti bishaan Nohi deebiʼee lafa irra hin garagalu jedhee kakadhe sanaa ti. Kanaafuu ani akkan sitti hin aarre, gonkumaas lammata akkan si hin ifanne kakadheera.
ISA 54:10 Tulluuwwan raafamanii, gaarran buqqifaman iyyuu, jaalalli hin geeddaramne kan ani siif qabu garuu hin raafamu; yookaan kakuun koo kan nagaa hin diigamu” jedha Waaqayyo inni garaa siif laafu sun.
ISA 54:11 “Yaa magaalaa miidhamte kan dambaliidhaan garagalfamtee nama si jajjabeessu dhabde, ani dhagaa gatii guddaatiin si ijaaree sanpeeriidhaanis si hundeessa.
ISA 54:12 Ani fiixee kee lula diimaadhaan, karrawwan kee dooqa calaqqisuun, dallaa kee hunda immoo dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan nan ijaara.
ISA 54:13 Waaqayyo ilmaan kee hunda ni barsiisa; nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.
ISA 54:14 Ati qajeelummaadhaan hundeeffamta; cunqurfamuun sirraa fagaata; wanni si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. Gooliin sirraa fageeffama; sitti iyyuu hin dhiʼaatu.
ISA 54:15 Yoo namni tokko iyyuu lola sitti kaase ani keessaa hin qabu; namni lola sitti kaasu kam iyyuu harka sitti kennata.
ISA 54:16 “Kunoo, kan tumtuu sibiilaa kan cilee buufee ibidda bobeessee miʼa waraanaa tumee hojii isaatiif mijeessu sana uume anuma. Kan nama waa balleessu tokko akka inni balaa buusuuf uumes anuma;
ISA 54:17 meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu; atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta. Kun dhaala tajaajiltoota Waaqayyoo ti; innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha” jedha Waaqayyo.
ISA 55:1 “Isin warri dheebottan hundinuu kottaa; gara bishaanii kottaa; isin warri maallaqa hin qabne, kottaatii bitadhaa; nyaadhaas! Kottaatii maallaqaa fi gatii malee daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.
ISA 55:2 Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu? Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu? Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa; lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu.
ISA 55:3 Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa; akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa. Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala; innis jaalala amanamaa isa Daawit abdachiifame sanaa dha;
ISA 55:4 kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera; hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera.
ISA 55:5 Sababii Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef, ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta; saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu.”
ISA 55:6 Yeroo inni argamutti Waaqayyoon barbaaddadhaa; yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.
ISA 55:7 Namni hamaan karaa isaa, namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu. Inni gara Waaqayyootti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf; gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.
ISA 55:8 “Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha Waaqayyo.
ISA 55:9 “Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
ISA 55:10 Akkuma bokkaa fi cabbiin samiidhaa roobu sana, akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii, isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee utuu ishee hin quubsin hin deebine sana,
ISA 55:11 dubbiin koo kan afaan kootii baʼus fedhii koo raawwata; kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.
ISA 55:12 Isin gammachuudhaan baatu; nagaadhaan geggeeffamtu; tulluuwwanii fi gaarran, fuula keessan duratti ililchanii faarfatu; mukkeen dirree hundinuus harka walitti rukutu.
ISA 55:13 Qooda qoraattii birbirsi, qooda sokorruus kusaayeen ni biqila. Kunis Waaqayyoof yaadannoo, mallattoo bara baraa kan hin badne taʼa.”
ISA 56:1 Waaqayyo akkana jedha: Sababii fayyisuun koo dhiʼaatee fi qajeelummaan koo dafee mulʼatuuf, “Murtii qajeelaa eegaa; waan qajeelaas hojjedhaa.
ISA 56:2 Namni waan kana hojjetu, kan waan kanattis cimu, kan Sanbata utuu hin xureessin eeguu fi waan hamaa kam iyyuu hojjechuu irraa harka isaa eeggatu eebbifamaa dha.”
ISA 56:3 Alagaan Waaqayyotti cichee tokko, “Waaqayyo dhugumaan saba isaa irraa addaan na baasa” hin jedhin. Xuʼaashiin kam iyyuus, “Ani mukuma gogaadha” ofiin hin jedhin.
ISA 56:4 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Xuʼaashiiwwan Sanbatoota koo eegan, kanneen waan na gammachiisu filatanii fi kakuu koo jabeessanii eeganiif,
ISA 56:5 ani mana qulqullummaa kootii fi dallaa isaa keessatti yaadannoo fi maqaa ilmaanii fi intallan caalu tokko nan kennaaf; ani maqaa bara baraa kan hin haqamne isaaniif nan kenna.
ISA 56:6 Alagoota isa tajaajiluuf, maqaa Waaqayyoo jaallachuuf, isa waaqeffachuuf Waaqayyotti cichan kanneen Sanbata utuu hin xureessin eeganii fi kakuu koos cimsanii eegan hunda,
ISA 56:7 ani gara tulluu koo qulqulluutti isaan nan fida; mana kadhannaa koo keessattis gammachuu isaaniif nan kenna. Aarsaan isaanii kan gubamuu fi qalmi, iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argata; manni koo saboota hundaaf, mana sagadaa jedhamee waamamaatii.”
ISA 56:8 Waaqayyo Gooftaan, inni Israaʼeloota bittinnaaʼan walitti qabu sun akkana jedha: “Ani warra duraan walitti qabaman biratti, warra kaanis gara isaaniitti walitti nan qaba.”
ISA 56:9 Bineensonni dirree hundi, bineensonni bosonaa hundis kottaatii itti gaggabaa nyaadhaa!
ISA 56:10 Eegdonni Israaʼel jaamota, isaan hundi beekumsa hin qaban; hundi isaanii saroota duudaa dha; dutuus hin dandaʼan; isaan ciisanii abjootu; rafuus ni jaallatu.
ISA 56:11 Isaan saroota albaadheyyii dha; nyaataniis hin quufan. Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu.
ISA 56:12 Tokkoon tokkoon isaanii akkana jedhu; “Kottaa daadhii wayinii dhugnaa! Kottaa dhugaatii cimaa dhugnee quufnaa! Guyyaan borii akkuma harʼaa taʼa; yookaan caaluu iyyuu ni dandaʼa.”
ISA 57:1 Namni qajeelaan ni duʼa; kan waan kana yaadatti qabatu tokko iyyuu hin jiru; warri Waaqaaf of kennan ni fudhatamu; akka qajeeltonni waan hamaa jalaa baraaramuuf fudhataman namni tokko iyyuu hin hubatu.
ISA 57:2 Namni qajeelummaadhaan jiraatu, gara nagaa seena; isaan siree isaanii irra boqotu.
ISA 57:3 “Isin garuu yaa ilmaan falfaltittii, isin sanyiin ejjituutii fi sagaagaltuu as kottaa!
ISA 57:4 Isin eenyutti qoostu? Eenyutti afaan banattu? Eenyuttis arraba baaftu? Isin ilmaan finciltootaa, sanyii sobdootaa mitii?
ISA 57:5 Isin mukkeen qilxuu gidduutti, mukkeen dagaagan hunda jalatti hawwii hamaadhaan gubattan; sululoota keessatti, holqa kattaa keessattis ijoollee keessan qaltan.
ISA 57:6 Dhagaawwan cululuqoon sulula keessaa qooda kee ti; dhugumaan carraan kee isaanuma. Ati dhibaayyuu isaaniif dhangalaafte; aarsaa midhaanii isaaniif dhiʼeessiteerta. Ani wantoota kanneen calʼisee nan ilaalaa?
ISA 57:7 Ati siree kee tulluu guddaa fi ol dheeraa irra dhaabbatteerta; aarsaa kee dhiʼeeffachuufis achi ol baate.
ISA 57:8 Ati cufaa keetii fi michichila cufaa keetii duubaan, yaadannoo kee fannifatteerta. Ana dhiiftee siree kee saaqqatte; yaabdees balʼiftee banattee keessa seente; ati warra siree isaanii jaallatte wajjin walii galte sana qullaa isaanii ilaalte.
ISA 57:9 Ati zayitii ejersaa fudhattee gara Moolek dhaqxe; shittoo kee illee ni baayʼifatte. Ergamoota kee biyya fagootti ergite; siiʼoolittis gad ergite!
ISA 57:10 Dheerina karaa keetiitiin dadhabdee turte; ati garuu, ‘Wanni kun faayidaa hin qabu’ hin jenne. Jabina haaromfame argatte; kanaafuu ati hin dadhabne.
ISA 57:11 “Ati akka na sobduuf akka na hin yaadanneef, yookaan akka waan kana garaatti hin qabanneef, eenyuun sodaattee akkas naate? Ati sababii ani yeroo dheeraa calʼiseef, na sodaachuu dhiifte mitii?
ISA 57:12 Ani qajeelummaa keetii fi hojii kee ifatti nan baasa; isaan garuu si hin fayyadan.
ISA 57:13 Yeroo ati gargaarsaaf iyyitutti, mee waaqonni tolfamoon ati walitti qabatte sun si haa baasan! Bubbeen hunda isaanii fudhatee bada; hafuurri baafatan iyyuu afuufee isaan balleessa. Namni daʼannoo isaa ana godhatu garuu biyyattii ni dhaala; tulluu koo qulqulluu sana illee ni dhuunfata.”
ISA 57:14 Akkanas ni jedhama: “Tolchaa; tolchaa; daandii qopheessaa! Karaa saba kootii irraa gufuuwwan bubuqqisaa.”
ISA 57:15 Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.
ISA 57:16 Ani bara baraan namatti hin falmu; yookaan yeroo hunda hin dheekkamu; yoo akkas taʼe hafuurri namaa, hafuurri namni ani uume baafatu ni citaatii.
ISA 57:17 Ani dharraa isaa kan cubbuun guutame sanattan dheekkame; isa adabees aariidhaan fuula koo isa duraa nan dhokfadhe; inni garuu karuma fedhii isaatiin itti fufe.
ISA 57:18 Ani karaa isaa argeera; garuu isa nan fayyisa; ani isa nan qajeelcha; deebisees nan jajjabeessa;
ISA 57:19 arraba boossuuwwan Israaʼel keessa jiraatanii irrattis galata nan uuma. Warra fagoo jiraataniif nagaan, warra dhiʼoo jiraataniifis nagaan haa taʼu. Anis isaan nan fayyisa” jedha Waaqayyo.
ISA 57:20 Namoonni hamoon garuu akkuma galaana olii gadi daddarbatamu, kan boqochuu hin dandeenye, kan dambaliin isaa laaqii fi dhoqqee tufuu ti.
ISA 57:21 “Namoota hamoof nagaan hin jiru” jedha Waaqni koo.
ISA 58:1 “Guddisii iyyi; hin qusatin. Akkuma malakataa sagalee kee ol fudhadhu. Saba kootti fincila isaanii, mana Yaaqoobitti immoo cubbuu isaanii labsi.
ISA 58:2 Isaan guyyuma guyyaan na barbaaduutii; isaan akkuma saba waan qajeelaa hojjetee ajajawwan Waaqa isaa hin dhiisin tokkootti waan karaa koo beekuu barbaadan fakkaatu. Isaan murtii qajeelaa na kadhatu; akka Waaqni isaanitti dhiʼaatus waan hawwan fakkaatu.
ISA 58:3 Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine, nu maaliif soomne? Yoo ati waan kana hin qalbeeffanne nu maaliif gad of qabne?’ jedhu. “Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan; hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan.
ISA 58:4 Soomni keessan wal loluu fi wal qoccoluudhaan, aboottee hamminaatiin wal tumuudhaan raawwata. Soomni isin harʼa soomaa jirtan kun, akka sagaleen keessan gubbaatti dhagaʼamu hin godhu.
ISA 58:5 Soomni ani filadhe sooma akkanaatii? Namni tokko guyyuma tokko qofaaf gad of qabaa? Wanni kun akkuma dhallaadduu mataa gad qabachuu fi wayyaa gaddaatii fi daaraa irra ciisuu qofaafii? Wanni isin sooma jettaniin guyyaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama qabu kanaa?
ISA 58:6 “Soomni ani itti gammadu, kan foncaa jalʼinaa furu, kan funyoo waanjoo hiiku, kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi waanjoo hunda caccabsu mitii?
ISA 58:7 Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, akka ati yeroo nama daare argitutti daara isa baaftuu fi akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti dugda hin galle mitii?
ISA 58:8 Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa; fayyinni kees dafee ni dhufa; qajeelummaan kee fuula kee dura deema; ulfinni Waaqayyoo immoo duubaan si eega.
ISA 58:9 Yeroo sana ati ni waammatta; Waaqayyos deebii siif kenna; ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha. “Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi quba namatti qabuu of irraa fageessite,
ISA 58:10 ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, warra rakkatanis rakkinaa baafte, ifni kee dukkana keessa ni ibsa; halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa.
ISA 58:11 Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa; inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta; lafee kees ni jabeessa. Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, akka burqaa hin gognees ni taata.
ISA 58:12 Uummanni kee diigamaa durii deebisee ni ijaara; atis hundee dhaloota baayʼee ol kaasta; atis, Suphaa Dallaawwan Jijjiganii, Haaromsaa Daandiiwwan Jireenyaa jedhamtee waamamta.
ISA 58:13 “Ati yoo miilla kee Sanbata cabsuu irraa eeggattee guyyaa koo qulqulluu waan jaallattu gochuu dhiifte, ati yoo Sanbataan, ‘Gammachuu’ guyyaa qulqullaaʼaa Waaqayyootiin immoo, ‘Kabajamaa’ jette, yoo daandii ofii keetii deemtuu fi yoo waan feete gochuu yookaan haasaa faayidaa hin qabne haasaʼuu baattee Sanbata ulfeessite,
ISA 58:14 yeroo sana Waaqayyotti ni gammadda; anis akka ati lafa ol dheeraa irra guluftu, dhaala abbaa kee Yaaqoob nyaattee akka quuftus sin taasisa.” Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.
ISA 59:1 Dhugumaan harki Waaqayyoo fayyisuuf gabaabaa miti; yookaan gurri isaa dhagaʼuu hin didne.
ISA 59:2 Yakki keessan garuu Waaqa keessaniin gargar isin baaseera; akka inni isin hin dhageenyeef, cubbuun keessan fuula isaa isin duraa dhokseera.
ISA 59:3 Harki keessan dhiigaan, qubni keessan immoo yakkaan faalameeraatii. Afaan keessan soba dubbata; arrabni keessan immoo waan hamaa guunguma.
ISA 59:4 Namni murtii qajeelaa barbaadu hin jiru; kan himata isaa amanamummaadhaan dhiʼeeffatu tokko iyyuu hin jiru. Isaan waan faayidaa hin qabne amanatan; soba dubbatan; gowwoomsaa ulfaaʼanii hammina dhalan.
ISA 59:5 Isaan hanqaaquu buutii yaasan; manʼee sariitii foʼan. Namni hanqaaquu isaanii nyaatu kam iyyuu ni duʼa; yommuu tokkoon isaa cabutti buutiitu keessaa baʼa.
ISA 59:6 Foʼaan isaanii uffata hin taʼu; waan tolchaniinis dhagna isaanii haguuggachuu hin dandaʼan. Hojiin isaanii hojii hamminaa ti; harka isaanii keessas hojii fincilaatu jira.
ISA 59:7 Miilli isaanii gara cubbuutti fiiga; isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatan. Yaadni isaanii jalʼaa dha; diiguu fi barbadeessuun mallattoo karaa isaanii ti.
ISA 59:8 Isaan karaa nagaa hin beekan; murtiin qajeelaan karaa isaanii irra hin jiru. Daandii isaanii jalʼisaniiru; namni achi irra deemu tokko iyyuu nagaa hin beeku.
ISA 59:9 Kanaafuu murtiin qajeelaan nurraa fagaateera; qajeelummaanis nu bira hin gaʼu. Nu ifa barbaanna; garuu hundinuu dukkana; ifa guyyaa barbaanna; garuu dimimmisa keessa deemna.
ISA 59:10 Nu akkuma jaamaa dallaa qaqqabachaa deemna; akkuma warra ija hin qabnee harkaan karaa keenya barbaaddanna. Akka nama halkaniin deemuu guyyaa saafaadhaan guggufanne; namoota jajjaboo gidduutti akka warra duʼanii taaneerra.
ISA 59:11 Nu hundi akka amaaketaa gururiina; akka gugees gaddaan aadna. Murtii qajeelaa barbaanna; garuu hin arganne; fayyina barbaanna; inni garuu nurraa fagaateera.
ISA 59:12 Yakki keenya fuula kee duratti baayʼateeraatii; cubbuun keenyas dhugaa nutti baʼa. Yakki keenya nu wajjin jiraata; nus balleessaa keenya ni beekna;
ISA 59:13 nu fincillee Waaqayyoon sobne; Waaqa keenya duukaa buʼuu irraa garagalleerra; goolii fi fincila kakaafneerra; soba garaan keenya yaades dubbanneerra.
ISA 59:14 Kanaafuu murtii qajeelaan duubatti deebifameera; qajeelummaanis fagoo dhaabata; dhugaan karaatti gufate; tollis ol seenuu hin dandaʼu.
ISA 59:15 Dhugaan eessumattuu hin argamu; namni cubbuu irraa fagaatus waan hamaaf saaxilama. Waaqayyo akka murtii qajeelaan hin jirre arge; kunis isa gaddisiise.
ISA 59:16 Inni akka namni tokko iyyuu hin jirre arge; kan gara isaatti kadhannaa dhiʼeessu waan dhabameefis ni dinqisiifate. Kanaafuu irreen isaa fayyina isaa fidde; qajeelummaan ofii isaas isa utube.
ISA 59:17 Qajeelummaa akka gaachana qomaatti kaaʼatee gonfoo fayyinaas mataatti gombifate; wayyaa ittiin haaloo baʼu uffatee akka nama waaroo uffatuuttis hinaaffaa ofitti marate.
ISA 59:18 Kanaafuu inni akkuma hojii isaaniitti, diinota isaatiif dheekkamsa, amajaajota isaaniitiif immoo adabbii malu ni kenna; biyyoota bishaan gidduutiifis hojii harka isaanii kennaaf.
ISA 59:19 Namoonni lixa biiftuu maqaa Waaqayyoo sodaatu; warri baʼa biiftuutti argaman immoo ulfina isaa kabaju. Inni akkuma lolaa, kan bubbeen Waaqayyoo oofuutti ni dhufaatii.
ISA 59:20 “Furaan gara Xiyoon, gara warra mana Yaaqoob keessaa qalbii jijjiirratanii ni dhufa” jedha Waaqayyo.
ISA 59:21 “Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha Waaqayyo. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha Waaqayyo.
ISA 60:1 “Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi; ulfinni Waaqayyoo siif baʼeera.
ISA 60:2 Kunoo, dukkanni lafa, dukkanni hamaan immoo uummattoota haguuga; Waaqayyo garuu siif kaʼeera; ulfinni isaas sirraa mulʼata.
ISA 60:3 Saboonni gara ifa keetii, mootonni immoo gara ifa kee 2 isa bariitti ni dhufu.
ISA 60:4 “Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; hundinuu wal gaʼanii gara kee ni dhufu; ilmaan kee fagoodhaa, intallan kees qomatti baatamanii gara kee ni dhufu.
ISA 60:5 Ergasii ni ilaalta; ni calaqqiftas; lapheen kee ni dhaʼata; gammachuudhaanis ni guutama; qabeenyi galaanotaa hundinuu gara kee dhufu; badhaadhummaan sabootaas kan kee taʼa.
ISA 60:6 Gaalli baayʼeen, ilmaan gaalaa kan Midiyaanii fi kan Eefaa biyya kee ni guutu. Namoonni hundi warqee fi ixaana fidanii, galata Waaqayyoo labsaa biyya Shebaatii ni dhufu.
ISA 60:7 Bushaayeen Qeedaar hundinuu gara keetti walitti qabamu; korbeeyyiin hoolaa Nabaayot si tajaajilu; isaan iddoo aarsaa koo irratti aarsaawwan fudhatama qaban ni taʼu; anis mana ulfina kootii nan kabaja.
ISA 60:8 “Warri akkuma gugeewwanii manneen isaaniitti barrisan, kanneen akka duumessaa gugatan kunneen eenyu faʼi?
ISA 60:9 Dhugumaan biyyoonni bishaan gidduu na abdatu; sababii inni ulfina sitti uffiseef, maqaa Waaqayyo Waaqa keetii, Qulqullicha Israaʼeliitiif jedhanii dooniiwwan Tarshiish dursanii, meetii fi warqee isaanii wajjin ilmaan kee fagoodhaa ni fidu.
ISA 60:10 “Namoonni ormaa dallaa kee ni ijaaru; mootonni isaaniis si tajaajilu; Ani aariidhaan si dhaʼu illee, gara laafina koo jaalalaan sitti nan argisiisa.
ISA 60:11 Akka namoonni badhaadhina sabootaa gara keetti fidaniif, akka mootonni isaaniis hiriiraan gara keetti seenaniif, karrawwan kee yeroo hunda banamaa taʼu; isaan halkanii guyyaa gonkumaa hin cufaman;
ISA 60:12 Sabni yookaan mootummaan si hin tajaajille ni barbadaaʼuutii; guutummaan guutuuttis ni balleeffamu.
ISA 60:13 “Ulfinni Libaanoon, gaattiraan, qararoo fi hadheessi, lafa iddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufu; anis iddoo miilli koo dhaabatu nan kabaja.
ISA 60:14 Ilmaan warra si cunqursanii siif sagadaa gara kee dhufu; warri si tuffatan hundinuus miilla keetti kufu; isaanis Magaalaa Waaqayyoo Xiyoon kan Qulqullicha Israaʼel jedhanii si waamu.
ISA 60:15 “Yoo ati jibbamtee gatamtee namni tokko iyyuu si keessaan darbuu lagate iyyuu, ani boontuu bara baraatii fi gammachuu dhaloota hundaa sin taasisa.
ISA 60:16 Ati aannan sabootaa ni dhugda; harma moototaas ni hoota. Yommus ani Waaqayyo Jabaan Yaaqoob, Fayyisaa kee fi Furaa kee akkan taʼe ni beekta.
ISA 60:17 Ani qooda naasii warqee, qooda sibiilaa immoo, meetii siif nan fida. Qooda mukaa naasii, qooda dhagaa immoo, sibiila siif nan fida. Nagaa mootii kee, qajeelummaa immoo, bulchaa kee nan godha.
ISA 60:18 Siʼachi biyya kee keessatti gooliin, daarii kee keessatti immoo diigamni yookaan badiisni hin dhagaʼamu; ati garuu dallaa kee Fayyina, karrawwan kee immoo Galata jettee waamta.
ISA 60:19 Siʼachi aduun guyyaadhaan, ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu; Waaqayyo ifa kee bara baraa taʼaatii; Waaqni kee ulfina kee ni taʼa.
ISA 60:20 Aduun kee deebitee hin dhiitu; jiʼi kee hin badu; Waaqayyo ifa kee bara baraa ni taʼa; barri gadda kees ni raawwatama.
ISA 60:21 Yoos uummanni kee hundi qajeelaa ni taʼa; bara baraanis lafa ni dhaala. Isaan biqiltuu ani dhaabbadhee dha; hojii harka koo, kan ani ittiin ulfina koo mulʼisuuf jedhee hojjedhee dha.
ISA 60:22 Maatiin muraasni kuma, gareen xinnaan immoo saba guddaa taʼa. Ani Waaqayyoo dha; waan kana yeroo isaatti dafee nan hojjedha.”
ISA 61:1 Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
ISA 61:2 akka ani bara tola Waaqayyootii fi guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf, akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,
ISA 61:3 akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, qooda daaraa miidhagina, qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, qooda abdii kutachuu immoo, wayyaa galataa kennuuf na erge. Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo, kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.
ISA 61:4 Isaan waan dur diigame deebisanii ijaaru; iddoowwan bara dheeraan dura onanii turanis akka duraatti deebisu; magaalaawwan diigaman, kanneen dhaloota hedduun dura onanii turan ni haaromsu.
ISA 61:5 Alagoonni bushaayee keessan ni tiksu; ormoonnis lafa qotiisaa fi iddoo dhaabaa wayinii keessanii keessa ni hojjetu.
ISA 61:6 Isin luboota Waaqayyoo jedhamtanii ni waamamtu; tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhamtaniis ni moggaafamtu. Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu; badhaadhummaa isaaniitiin illee ni boontu.
ISA 61:7 Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu; qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu; kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu; gammachuun bara baraas kan keessan.
ISA 61:8 “Ani Waaqayyo murtii qajeelaa nan jaalladhaatii; saamichaa fi yakka nan jibba. Ani amanamummaa kootiin isaan nan badhaasa; kakuu bara baraas isaan wajjin nan gala.
ISA 61:9 Sanyiin isaanii saboota gidduutti, ijoolleen isaanii immoo uummata gidduutti ni beekamu. Warri isaan argan hundi, akka isaan saba Waaqayyo eebbise taʼan ni beeku.”
ISA 61:10 Ani Waaqayyo itti guddaa nan gammada; lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi. Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu, misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana, wayyaa fayyinaa natti uffiseera uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
ISA 61:11 Akkuma lafti biqiltuu biqilchitee iddoon biqiltuu immoo akka sanyiin guddattu godhu sana Waaqayyo Gooftaan akka qajeelummaa fi galanni fuula saboota hundaa duratti biqilan ni godha.
ISA 62:1 Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa, fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti, ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu; waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu.
ISA 62:2 Saboonni qajeelummaa kee, mootonni hundinuus ulfina kee ni argu; ati maqaa haaraa, kan afaan Waaqayyoo siif baasuun ni waamamta.
ISA 62:3 Ati harka Waaqayyoo keessatti gonfoo ulfinaa, harka Waaqa keetii keessattis marata mootii ni taata.
ISA 62:4 Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu, yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu. Ati garuu, “Ani isheetti nan gammada” jedhamta; biyyi kees “kan heerumte” jedhamti; Waaqayyo sitti gammadaatii, biyyi kee ni heerumti.
ISA 62:5 Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, ilmaan kee si fuudhu; akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu, Waaqni kees sitti gammada.
ISA 62:6 Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti eegdota ramadeera; isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan. Isin warri Waaqayyoon waammattan, ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa;
ISA 62:7 hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti boqonnaa isaaf hin kenninaa.
ISA 62:8 Waaqayyo akkana jedhee harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera; “Ani lammata midhaan kee nyaata godhee diinota keetiif hin kennu; namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa kan ati itti dadhabde hin dhugan;
ISA 62:9 garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu; Waaqayyoonis ni galateeffatu; warri ija wayinii guurratanis oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu.”
ISA 62:10 Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa! Uummataaf karaa qopheessaa. Tolchaa; karaa guddaa tolchaa! Dhagaawwan bubuqqisaa. Sabootaafis faajjii ol qabaa.
ISA 62:11 Waaqayyo akkana jedhee hamma moggaa lafaatti labseera; “Intala Xiyooniin akkana jedhaa: ‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa! Badhaasni isaa kunoo isa harka jira; beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’ ”
ISA 62:12 Isaanis Saba Qulqulluu, Furamtoota Waaqayyoo jedhamanii ni waamamu; atis barbaadamtuu, Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.
ISA 63:1 Kan uffata isaa halluu diimaa cuuphee Edoom keessaa, Bozraadhaa dhufaa jiru kun eenyu? Kan ulfina uffatee guddina jabina isaatiin fuula duratti deemaa jiru kun eenyu? “Inni anuma, kan qajeelummaan dubbatu, kan oolchuufis humna qabu anaa dha.”
ISA 63:2 Uffanni kee maaliif akkuma uffata nama boolla wayinii itti cuunfan keessatti wayinii dhidhiitu tokkoo diimata?
ISA 63:3 “Ani kophaa koo boolla itti wayinii cuunfan keessatti wayinii nan dhidhiite; saboota keessaa namni tokko iyyuu na wajjin hin turre. Ani aarii kootiin isaan irra dhaabadhee dheekkamsa kootiin gad isaan dhidhiite; dhiigni isaanii wayyaa kootti faffacaʼe; wayyaa koo hundas ni faale.
ISA 63:4 Guyyaan haaloo baʼuu garaa koo keessa jiraatii; waggaan ani itti nama furus dhufeera.
ISA 63:5 Anis milʼadhee nama na gargaaru tokko iyyuu nan dhabe; gargaarsa tokko iyyuu dhabnaan nan dinqisiifadhe; kanaafuu irreen koo fayyina naa fide; dheekkamsi koos na utube.
ISA 63:6 Ani aarii kootiin saboota irra nan dhidhiite; dheekkamsa kootiinis isaan nan macheesse; dhiiga isaanii lafa irra nan lolaase.”
ISA 63:7 Akkuma waan inni nuuf hojjete hundaatti ani waaʼee jaalala Waaqayyoo // kan hin geeddaramne sanaa hojii inni ittiin galateeffamuu qabu nan odeessa; wantoota gaggaarii inni akkuma gara laafinaa fi arjummaa isaa hedduu sanaatti mana Israaʼeliif hojjete baayʼee ani dhugumaan nan odeessa.
ISA 63:8 Innis, “Isaan dhugumaan saba koo ti; ijoollee hin sobnee dha” jedhe; kanaafuu inni Fayyisaa isaanii taʼe.
ISA 63:9 Dhiphina isaanii hunda keessatti, innis ni dhiphate; ergamaan Waaqayyoo kan fuula isaa dura dhaabatu isaan baraare. Jaalalaa fi araara isaatiin isaan fure; bara durii hunda keessa, inni ol fuudhee isaan baate.
ISA 63:10 Isaan garuu fincilanii Hafuura isaa Qulqulluu gaddisiisan. Kanaafuu inni deebiʼee diina isaanii taʼe; inni mataan isaas isaan lole.
ISA 63:11 Kana irratti sabni isaa bara durii, bara Museetii fi saba isaa yaadatee akkana jedhe: Inni tiksee bushaayee isaa wajjin galaana keessaa isaan baase sun eessa jira? Inni Hafuura isaa Qulqulluu gidduu isaanii buuse,
ISA 63:12 kan akka irreen isaa ulfina qabeessi jabaan sun, harka mirgaa kan Musee wajjin jiraatuuf erge, kan maqaa bara baraa ofii isaatiif godhachuudhaaf fuula isaanii duratti bishaan gargar qoode,
ISA 63:13 kan tuujuba keessaan isaan qajeelche sun eessa jira? Isaan akkuma farda biyya balʼaa keessa gulufu tokkoo hin gufanne;
ISA 63:14 akkuma loon dirreetti bobbaʼaniitti, Hafuurri Waaqayyoo boqonnaa isaaniif kenne. Akki ati itti maqaa ulfina qabu ofii keetiif godhachuudhaaf jettee saba kee qajeelchite kanaa dha.
ISA 63:15 Ati samii irraa, teessoo kee qulqulluu fi ulfina qabeessa sana irraa gad ilaali. Hinaaffaan keetii fi jabinni kee eessa jiru? Jaalallii fi gara laafinni kee nurraa ittifamaniiru.
ISA 63:16 Yoo Abrahaam nu beekuu baatee, yookaan Israaʼel nu yaadachuu baate iyyuu, ati dhugumaan abbaa keenya; Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya; Furaan keenya durumaa jalqabee maqaa kee ti.
ISA 63:17 Yaa Waaqayyo, ati maaliif akka nu karaa kee irraa badnuu fi akka garaan keenya jabaatee nu si sodaachuu didnu nu goota? Sababii garboota kee, gosoota handhuuraa kee taʼaniitiif jedhii deebiʼi.
ISA 63:18 Sabni kee yeroo yartuuf iddoo kee qulqulluu dhaalee ture; amma garuu diinonni keenya iddoo kee qulqulluu gad dhidhiitaa jiru.
ISA 63:19 Nu durumaa jalqabnee kanuma kee ti; ati garuu isaan hin bulchine; isaanis maqaa keetiin hin waamamne.
ISA 64:1 Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif, maaloo ati utuu samiiwwan tarsaaftee gad buutee!
ISA 64:2 Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana, akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf gad buʼiitii akka saboonni fuula kee duratti hollatan godhi!
ISA 64:3 Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute; tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan.
ISA 64:4 Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu, bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye; yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne; iji tokko iyyuu hin argine.
ISA 64:5 Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta. Garuu yommuu nu ittuma fufnee cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte. Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree?
ISA 64:6 Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra; hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti; hundi keenya akkuma baalaa coollagne; cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate.
ISA 64:7 Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru; yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru; ati fuula kee nu dhokfattee sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii.
ISA 64:8 Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya. Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; hundi keenya hojii harka keetii ti.
ISA 64:9 Yaa Waaqayyo, ati akka malee hin dheekkamin; cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin. Maaloo si kadhannaa, fuula kee nuuf deebisi; nu hundinuu saba keetii.
ISA 64:10 Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru; Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti.
ISA 64:11 Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi, iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera; wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera.
ISA 64:12 Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen hunda calʼuma jettee ilaaltaa? Ati calʼistee akka malee nu adabdaa?
ISA 65:1 “Ani warra na hin iyyaafatinitti nan mulʼadhe; warri na hin barbaadinis na argatan. Ani saba maqaa koo hin waammatiniin, ‘Ani asan jira; ani asan jira’ nan jedhe.
ISA 65:2 Ani guyyaa guutuu gara uummata didaa taʼeetti, kan karaa gaarii hin taʼin irra deemu, kan yaada ofii isaa duukaa buʼuuf harka koo nan diriirfadhe;
ISA 65:3 Isaan saba iddoo biqiltuu keessatti aarsaa dhiʼeessuudhaan, iddoo aarsaa kan xuubii irrattis ixaana aarsuudhaan, utuu gargar hin kutin, utuma ani arguu dheekkamsaaf na kakaasanii dha;
ISA 65:4 isaan warra awwaala gidduu tataaʼanii lafa dhoksaa bulanii dha; warra foon booyyee nyaatanii okkoteen isaanii bishaan foon xuraaʼaa baatuu dha;
ISA 65:5 isaan warra, ‘Achi fagaadhu; natti hin dhiʼaatin; ani si caalaa qulqulluudhaatii!’ jedhanii dha. Sabni akkasii funyaan koo keessatti akkuma aaraa, akkuma ibidda guyyaa guutuu bobaʼuu ti.
ISA 65:6 “Kunoo, wanni kun akkana jedhamee fuula koo duratti barreeffameera: ani hin calʼisu; garuu gatii hojii isaanii guutuu nan kennaaf; dhugumaanis qomatti isaan nan baachisa.
ISA 65:7 Kunis cubbuu keessanii fi cubbuu abbootii keessanii ti” jedha Waaqayyo. “Isaan tulluuwwan irratti aarsaa dhiʼeessanii, gaarran irratti waan na arrabsaniif, ani hojii isaanii kan duriitiif, kaffaltii guutuu isaaniifin kenna.”
ISA 65:8 Waaqayyo akkana jedha: “Akkuma yeroo hurbuu wayinii keessa cuunfaan jirutti, namoonni, ‘Amma iyyuu eebbatu keessa jiraatii, hin balleessinaa’ jedhan sana, anis tajaajiltoota kootiif akkasuma nan godha; isaan hundas hin balleessu.
ISA 65:9 Anis Yaaqoob keessaa sanyii tokko, Yihuudaa keessaa immoo warra tulluuwwan koo dhaalan nan biqilcha; sabni koo filatamaan tulluuwwan sana dhaala; tajaajiltoonni koos achi ni jiraatu.
ISA 65:10 Saba koo kan na barbaaduuf Shaaroon lafa bushaayeen itti bobbaʼan, Sululli Aakoor immoo lafa loon boqotan ni taʼan.
ISA 65:11 “Garuu isin warra Waaqayyoon dhiiftanii tulluu koo qulqulluu dagattan, kanneen waaqa ‘Milkii’ jedhamuuf maaddii qopheessitanii, waaqa, ‘Hiree’ jedhamuuf immoo dhibaayyuu kubbaayyaatti guuttan,
ISA 65:12 ani irbaata goraadee isinan godha; isin hundis qalamuuf gad jettu; ani isin waameen ture; isin garuu na jalaa hin owwaanne; ani dubbadheen ture; isin garuu na hin dhaggeeffanne. Isin fuuluma koo duratti waan hamaa hojjettanii waan na hin gammachiifne filattan.”
ISA 65:13 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Garboonni koo ni nyaatu; isin garuu ni beeloftu; garboonni koo ni dhugu; isin garuu ni dheebottu; garboonni koo ni gammadu; isin garuu ni qaanoftu.
ISA 65:14 Garboonni koo gammachuu garaa irraa maddeen ni faarfatu; isin garuu, waan garaan keessan miidhameef ni boossu; waan hafuurri keessan gaddeef ni wawwaattu.
ISA 65:15 Filatamtoonni koo maqaa isin dabarfattan sana abaarsaaf itti fayyadamu; Waaqayyo Gooftaan isin fixa; garboota isaatiif garuu maqaa biraa ni kenna.
ISA 65:16 Namni lafa irratti eebbifamu kam iyyuu, Waaqa dhugaatiin eebbifama; namni lafa irratti kakatus, Waaqa dhugaatiin kakata. Rakkinni durii ni irraanfatama; ija koo duraas ni dhokataatii.
ISA 65:17 “Kunoo ani, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa nan uuma. Wanni durii hin yaadatamu; yookaan qalbii namaatti hin dhufu.
ISA 65:18 Isin garuu waan ani uumutti, bara baraan gammadaa ililchaa; ani Yerusaalemin gammachuuf, saba ishee immoo ililleef nan uumaatii.
ISA 65:19 Ani Yerusaalemitti nan gammada; saba koottis nan gammada; siʼachi sagaleen booʼichaatii fi iyyaa ishee keessatti hin dhagaʼamu.
ISA 65:20 “Siʼachi, daaʼimni guyyaa muraasa qofa jiraatu, yookaan jaarsi umuriin isaa hanqatu tokko iyyuu ishee keessatti hin argamu; namni waggaa dhibbatti duʼu, akka waan dargaggummaan duʼeetti yaadama; namni waggaa dhibba hanqate tokko, akka waan abaarameetti hedama.
ISA 65:21 Namoonni mana ni ijaarratu; achi keessas ni jiraatu; wayinii dhaabbatu; ija isaas ni nyaatu.
ISA 65:22 Siʼachi isaan mana ijaaranii namoonni biraa keessa hin jiraatan; yookaan isaan biqiltuu dhaabanii namoonni biraa hin nyaatan. Umuriin saba koo, akkuma umurii mukaa ni taʼa; warri ani filadhe, hojii harka isaaniitiin bara dheeraa ni gammadu.
ISA 65:23 Isaan akkasumaan hin dadhaban yookaan ijoollee balaan eeggattu hin dhalchan; isaan sanyii isaanii wajjin saba Waaqayyo eebbisu ni taʼu.
ISA 65:24 Ani utuu isaan na hin waammatin nan deebisaaf; utuu isaan dubbatanii hin fixinis nan dhagaʼa.
ISA 65:25 Yeeyyii fi xobbaallaan hoolaa walii wajjin nyaatu; leenci akka sangaa okaa nyaata; biyyoon garuu soora bofaa taʼa. Isaan tulluu koo qulqulluu hunda irratti homaa hin miidhan yookaan homaa hin balleessan” jedha Waaqayyo.
ISA 66:1 Waaqayyo akkana jedha: “Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Manni isin naaf ijaartan meerre? Lafti boqonnaa kootii eessa?
ISA 66:2 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee? Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti” jedha Waaqayyo. “Ani garuu nama gad of qabuu fi kan garaa isaa keessatti gaabbee dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
ISA 66:3 Garuu namni korma qalu kam iyyuu akkuma nama nama ajjeesu tokkoo ti; namni xobbaallaa hoolaa qalu kam iyyuu akkuma nama morma saree cabsu tokkoo ti; namni aarsaa midhaanii dhiʼeessu kam iyyuu akkuma nama dhiiga booyyee dhiʼeessu tokkoo ti; namni ixaana yaadannoo aarsu kam iyyuus akkuma nama waaqa tolfamaa waaqeffatu tokkoo ti. Isaan karaa ofii isaanii filataniiru; lubbuun isaaniis xuraaʼummaa isaaniitti gammaddi.
ISA 66:4 Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila; waan isaan akka malee sodaatanis isaanitti nan fida. Yeroo ani waametti namni tokko iyyuu na jalaa hin owwaanne; yeroo ani dubbadhetti namni tokko iyyuu hin dhaggeeffanneetii. Isaan fuula koo duratti waan hamaa hojjetanii waan na hin gammachiifne illee filatan.”
ISA 66:5 Warri dubbii isaatiin hollattan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Obboleeyyan keessan warri sababii maqaa kootiif isin jibbanii isin ariʼan sun akkana jedhan; ‘Akka nu gammachuu keessan arginuuf, mee Waaqayyo haa ulfaatu!’ Taʼus isaan ni qaanaʼu.
ISA 66:6 Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa; waca mana qulqullummaa keessaa dhagaʼaa! Wanni kun sagalee Waaqayyoo kan yeroo inni gatii diinota isaa hundaaf malu isaaniif kennuu ti.
ISA 66:7 “Isheen utuu hin ciniinsifatin, ni deessi; utuu miixuun daʼumsaa ishee hin qabatin, ilma deessi.
ISA 66:8 Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe? Waan takkumaa akkasii eenyutu arge? Biyyi tokko guyyuma tokkotti dhalachuu dandeessii? Yookaan sabni yeruma tokkotti biqiluu dandaʼaa? Xiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen, ijoollee ishee deesse.
ISA 66:9 Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee daʼuu nan dhowwaa?” jedha Waaqayyo. “Ani daʼumsaan gaʼee gadameessa nan cufaa?” jedha Waaqni kee.
ISA 66:10 “Isin warri ishee jaallattan hundi, Yerusaalem wajjin gammadaa; isheefis ililchaa; isin warri isheef boossan hundi, guddisaatii ishee wajjin gammadaa.
ISA 66:11 Isin harma ishee kan nama jajjabeessu sana hootanii ni quuftuutii; ulfina ishee guddaa sana irraas gammachuudhaan ni dhugdu.”
ISA 66:12 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Kunoo ani nagaa akkuma bishaan lagaa, badhaadhummaa sabootaas akkuma laga yaaʼuu isheef nan dhangalaasa; isin ni hootu; harka ishee irratti ni baatamtu; gudeeda ishee irra illee ni taphattu.
ISA 66:13 Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana, anis isinan urursa; isinis Yerusaalem keessatti ni ururfamtu.”
ISA 66:14 Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada; lafeen keessan akka margaa ni haaromfama; harki Waaqayyoo akka garboota isaa wajjin jirus ni beekama; dheekkamsi isaa garuu amajaajota isaa irratti ni mulʼifama.
ISA 66:15 Kunoo, Waaqayyo ibiddaan ni dhufa; gaariiwwan isaas akkuma bubbee hamaa ti; inni aarii isaa dhaʼichaan, ifannaa isaa immoo arraba ibiddaatiin gad buusa.
ISA 66:16 Waaqayyo ibiddaa fi goraadee isaatiin namoota hunda irratti murtii raawwataatii; namoonni Waaqayyoon ajjeefaman ni baayʼatu.
ISA 66:17 “Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu” jedha Waaqayyo.
ISA 66:18 “Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.
ISA 66:19 “Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.
ISA 66:20 Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu” jedha Waaqayyo. “Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidan sanatti jara fidu.
ISA 66:21 Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha” jedha Waaqayyo.
ISA 66:22 “Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha Waaqayyo.
ISA 66:23 “Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada” jedha Waaqayyo.
ISA 66:24 “Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu.”
JER 1:1 Kun dubbii Ermiyaas ilma Hilqiyaa kan luboota biyya Beniyaam keessa magaalaa Anaatoot jiraatan keessaa tokko taʼe sanaa ti.
JER 1:2 Dubbiin Waaqayyoo bara Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha sadaffaatti gara Ermiyaas dhufe;
JER 1:3 akkasumas bara Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma dhuma bara Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa waggaa kudha tokkoffaatti waggaa sana keessaas hamma jiʼa shanaffaatti, yeroo sabni Yerusaalem boojiʼametti dubbiin kun gara isaa dhufaa ture.
JER 1:4 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
JER 1:5 “Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke; utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe; akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude.”
JER 1:6 Anis, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa ani akkamitti akkan dubbadhu hin beeku; ani mucaa xinnoo dha” nan jedhe.
JER 1:7 Waaqayyo garuu akkana naan jedhe; “Ati, ‘Ani mucaa xinnoo dha’ hin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda.
JER 1:8 Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo.
JER 1:9 Ergasiis Waaqayyo harka isaa hiixatee afaan koo tuqee akkana naan jedhe; “Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera.
JER 1:10 Ilaa, ani akka ati buqqiftuu fi diigduuf, akka barbadeessituu fi garagalchituuf, akka ijaartuu fi dhaabduuf harʼa sabootaa fi mootummoota irratti si muudeera.”
JER 1:11 Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee, “Ermiyaas, ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Damee muka lawuzii arguuttin jira” jedhe.
JER 1:12 Waaqayyo immoo, “Ati sirriitti argite; ani akka dubbiin koo fiixaan baʼuuf kutadhee kaʼeeraatii” naan jedhe.
JER 1:13 Dubbiin Waaqayyoo amma illee gara koo dhufee, “Ati maal argaa jirta?” naan jedhe. Anis deebisee, “Xuwwee danfaa jiru kan kaaba irraa as garagalee jiru tokko nan arga” jedhe.
JER 1:14 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gara kaabaatii balaan warra biyyattii keessa jiraatan hundatti ni buʼa.
JER 1:15 Kunoo saboota mootummoota kaabaa hunda walitti nan waama” jedha Waaqayyo. “Mootonni isaanii dhufanii karrawwan Yerusaalem dura teessoowwan isaanii ni dhaabbatu; isaan dallaawwan naannoo ishee hundaa fi magaalaawwan Yihuudaa hunda marsu.
JER 1:16 Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraaf ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii hojjete waaqeffachuudhaan hammina hojjetaniif ani saba kootti murtii nan labsa.
JER 1:17 “Ati garuu mudhii kee hidhadhuu kaʼiitii waan ani si ajaju hunda isaanitti himi. Ati jara hin sodaatin; ati isaan sodaannaan ani fuula isaanii duratti sodaa sittin buusaa.
JER 1:18 Akka ati guutuu biyyattiitiin jechuunis mootota Yihuudaatiin, qondaaltota isheetiin, lubootaa fi uummata biyyattiitiin mormituuf ani harʼa magaalaa dallaa jabaan marfamte, utubaa sibiilaatii fi dallaa naasii si taasiseera.
JER 1:19 Isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.
JER 2:1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
JER 2:2 “Dhaqiitii gurra Yerusaalemiitti akkana jedhii labsi: “Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Ani amanamummaa kee kan yeroo dargaggummaa, akka ati akkuma misirrittiitti na jaallattee lafa gammoojjii keessa, lafa midhaan itti hin facaafamin keessa na duukaa buute nan yaadadha.
JER 2:3 Israaʼel kan Waaqayyoof qulqulloofte sun, mataa midhaan isaa turte; warri ishee nyaatan hundis akka nama yakka hojjeteetti ilaalamu ture; badiisnis isaanitti dhufe’ ” jedha Waaqayyo.
JER 2:4 Yaa mana Yaaqoob, isin maatiiwwan mana Israaʼel hundinuus dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
JER 2:5 Waaqayyo akkana jedha: “Abbootiin keessan kan akkas narraa fagaatan balleessaa maalii narratti arganiitii? Isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne faana buʼanii isaanumtuu warra faayidaa hin qabne taʼan.
JER 2:6 Isaanis, ‘Waaqayyo inni Gibxii nu baasee, gammoojjii homtuu keessa hin jirre keessaan, lafa gammoojjii fi dhooqaa keessaan lafa hongee fi dukkanaa, biyya namni tokko iyyuu keessa hin dabarree fi keessa hin jiraanne keessaan dabarsee nu fide sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.
JER 2:7 Ani akka isin ija ishee nyaattanii midhaan isheetti gammaddaniif gara lafa gabbataatti isin fideera. Isin garuu dhuftanii biyya koo xureessitan; handhuuraa koos akka jibbamu gootan.
JER 2:8 Luboonnis, ‘Waaqayyo eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne. Warri seera wajjin oolanis na hin beekne; bulchitoonni natti fincilan; raajonnis waaqota faayidaa hin qabne duukaa buʼanii maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan.
JER 2:9 “Kanaafuu ani amma iyyuu isin wajjin falmii qaba” jedha Waaqayyo. “Ijoollee ijoollee keessanii wajjinis falmii nan qabaadha.
JER 2:10 Mee gara qarqara Kitiimitti ceʼaatii ilaalaa; gara Qeedaarittis nama ergaatii qalbiidhaan qoradhaa; yoo duraan wanni akkasii taʼee jiraates ilaalaa.
JER 2:11 Yoo isaan waaqota taʼuu baatan iyyuu sabni tokko takkumaa waaqota isaa geeddaree beekaa? Uummanni koo garuu ulfina isaa waaqota tolfamoo faayidaa hin qabneen geeddareera.
JER 2:12 Yaa samiiwwan, waan kana dinqifadhaa; naasuu guddaadhaanis holladhaa” jedha Waaqayyo.
JER 2:13 “Uummanni koo cubbuu lama hojjete: Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii boolla bishaanii ofii isaanii, boolla bishaanii baqaqaa bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.
JER 2:14 Israaʼel garbaa? Inni garbicha manatti dhalatee? Yoos inni maaliif boojiʼame ree?
JER 2:15 Leenconni aadaniiru; isattis gururiʼaniiru. Isaan biyya isaa onsaniiru; magaalaawwan isaas gubamanii duwwaa hafaniiru.
JER 2:16 Akkasumas namoonni Memfiisii fi Tahiphaanhees mataa kee buruqsaniiru.
JER 2:17 Ati yeroo inni karaa irra si qajeelchetti, Waaqayyoon Waaqa kee dhiisuudhaan waan kana ofitti fiddeerta mitii?
JER 2:18 Egaa ati maaliif Shihoorii bishaan dhuguuf jettee biyya Gibxi dhaqxa? Maaliifis bishaan laga Efraaxiis dhuguuf jettee Asoor dhaqxa?
JER 2:19 Hamminni kee si adaba; duubatti deebiʼuun kees si ifata. Ati Waaqayyoon Waaqa kee dhiiftee na sodaachuu diduun kee hammam hamaa fi hadhaaʼaa akka sitti taʼe ilaalii hubadhu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
JER 2:20 “Ani bara dheeraan dura waanjoo kee sirraa cabseera; hidhaa kees sirraa kukkuteera. Ati garuu, ‘Ani si hin tajaajilu’ jette! Ati garuu akkuma sagaagaltuu tokkootti tulluuwwan dhedheeroo hunda irraa fi mukkeen lalisoo hunda jala ciifte.
JER 2:21 Ani garuu muka wayinii filatamaa, kan sanyiin isaa guutumaan guutuutti qulqulluu taʼe godhee si dhaabbadheen ture. Yoos ati akkamitti wayinii diidaa taatee natti geeddaramte ree?
JER 2:22 Ati yoo daaraadhaan dhiqattee saamunaa hedduutti fayyadamte iyyuu, xuriin yakka keetii amma illee fuula koo dura jira” jedha Waaqayyo Gooftaan.
JER 2:23 “Ati akkamitti, ‘Ani hin xuroofne; Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa? Waan sulula keessatti taʼaa turte yaadadhu; waan hojjechaa turtes qalbeeffadhu. Ati gaala dhalaa asii fi achi fiigduu dha;
JER 2:24 harree diidaa kan gammoojjii barattee fedhii kormaatiin qilleensa suufattu tokko, maaltu fedhii ishee irraa ishee deebisuu dandaʼa? Kormi ishee barbaadu kam iyyuu ishee argachuuf hin rakkatu; inni yeroo gaanaatti ishee argata.
JER 2:25 Miilla kee kophee malee deemuu irraa, laagaa kee immoo dheebuu irraa eeggadhu. Ati garuu, ‘Kun waan abdii hin qabnee dha! Ani waaqota ormaa nan jaalladha; isaan faanas nan buʼa’ jette.
JER 2:26 “Akkuma hattuun yeroo qabamtu salphifamtu sana manni Israaʼel ni salphifama; isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii ni salphifamu.
JER 2:27 Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’ dhagaadhaan immoo, ‘Situ na dhale’ jedhu. Isaan dugda isaanii malee fuula isaanii natti hin deebifanneetii; taʼus isaan yeroo rakkatanitti, ‘Kottuu nu baasi!’ jedhu.
JER 2:28 Waaqonni ati ofiif tolfatte sun eessa jiru? Isaan yoo si baasuu dandaʼan mee yeroo ati rakkina keessa jirtutti haa dhufan! Yaa Yihuudaa, ati akkuma magaalaa hedduu qabdu sana waaqota hedduu qabdaatii.
JER 2:29 “Isin maaliif na himattu? Isin hundinuu natti finciltaniirtu” jedha Waaqayyo.
JER 2:30 “Ani akkasumaanan ijoollee keessan adabe; isaan sirreeffama fudhachuu didan. Goraadeen keessan akkuma leenca beelaʼe tokkootti raajota keessan fixxe.
JER 2:31 “Isin dhaloonni ammaa dubbii Waaqayyoo qalbeeffadhaa: “Ani Israaʼeliif gammoojjii yookaan biyya dukkana hamaan turee? Sabni koo maaliif, ‘Nu asii fi achi jooruu ni dandeenya; siʼachi gara kee hin dhufnu’ jedha?
JER 2:32 Durbi tokko faaya ishee, misirrittiin tokko immoo miʼa ittiin heerumtu ni irraanfattii? Sabni koo garuu, guyyaa hamma hin qabne na irraanfateera.
JER 2:33 Ati jaalala adamsuutti akkam ogeettii dha! Dubartoota akka malee hamoo taʼan iyyuu amala kee barsiifteerta.
JER 2:34 Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu, dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee wayyaa kee irratti ni argama. Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu
JER 2:35 ati, ‘Ani balleessaa hin qabu; inni natti hin dheekkamu’ jetta. Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuu hin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura.
JER 2:36 Ati maaliif karaa kee geeddaruudhaan, asii fi achi deemuu baayʼifta? Akkuma Asoor si qaanessite sana Gibxis si qaanessiti.
JER 2:37 Ati mataa kee qabattee, iddoo sanaa baata; Waaqayyo warra ati itti irkatte tuffateeraatii; ati isaaniin hin milkooftu.
JER 3:1 “Namni tokko yoo niitii isaa hiikee isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte, inni lammata isheetti deebiʼaa? Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu? Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta; taʼus amma gara kootti deebiʼi?” jedha Waaqayyo.
JER 3:2 “Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali. Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa? Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse; sagaagaltummaa fi hammina keetiin biyyattii xureessiteerta.
JER 3:3 Kanaafuu tiifuun ni ittifame; birraa keessa illee bokkaan hin roobne. Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda; qaanaʼuus ni didde.
JER 3:4 Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee? ‘Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,
JER 3:5 ati yeroo hunda ni aartaa? Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?’ Ati akkasitti dubbatta; garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta.”
JER 3:6 Waaqayyo bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; “Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte.
JER 3:7 Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite.
JER 3:8 Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite.
JER 3:9 Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite.
JER 3:10 Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
JER 3:11 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha.
JER 3:12 Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi: “ ‘Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼi’ jedha Waaqayyo; ‘Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu; ani araara qabeessaatii’ jedha Waaqayyo. ‘Ani bara baraan hin dheekkamu.
JER 3:13 Ati akka Waaqayyo Waaqa keetti fincilte, akka mukkeen lalisoo hunda jalatti jaalala kee waaqota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde, balleessaa kee sana qofa himadhu’ ” jedha Waaqayyo.
JER 3:14 “Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa” jedha Waaqayyo; “ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida.
JER 3:15 Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna.
JER 3:16 Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti,” jedha Waaqayyo, “Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Waaqayyoo’ hin jedhan.” Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu.
JER 3:17 Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Waaqayyoo jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Waaqayyoo ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan.
JER 3:18 Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.
JER 3:19 “Ani mataan koo akkana nan jedhe; “ ‘Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti si fudhadhee biyya namatti toltu, dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.’ Ani waan ati, ‘Abbaa ko’ jettee na waamtuuf, waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.
JER 3:20 Yaa mana Israaʼel, ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo, anaaf hin amanamne turte” jedha Waaqayyo.
JER 3:21 Isaan karaa isaanii jalʼisanii Waaqayyo Waaqa isaanii waan irraanfataniif gaara duwwaa irratti iyyi, booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.
JER 3:22 “Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa; ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii.” “Kunoo, nu gara kee ni dhufna; Ati Waaqayyo Waaqa keenyaatii.
JER 3:23 Dhugumaan wacni gaarranii fi tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha; dhugumaan fayyinni Israaʼel harka Waaqayyo Waaqa keenyaa jira.
JER 3:24 Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan, buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa jechuunis bushaayee fi loon isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru.
JER 3:25 Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu; salphinni keenyas nu haa haguugu. Nus abbootiin keenyas Waaqayyo Waaqa keenyatti cubbuu hojjenneerra; nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne.”
JER 4:1 “Yaa Israaʼel, ati yoo deebite, gara kootti deebiʼi” jedha Waaqayyo. “Yoo ati waaqota kee jibbisiisoo sana fuula koo duraa balleessitee siʼachi karaa irraa jalʼachuu baatte,
JER 4:2 yoo ati, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jettee dhugaadhaan, murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan kakatte, saboonni isaan ni eebbifamu; isumaanis ni kabajamu.”
JER 4:3 Waaqayyo namoota Yihuudaatii fi namoota Yerusaalemiin akkana jedha: “Bajjii keessan qotadhaa; qoraattii keessas hin facaasinaa.
JER 4:4 Yaa namoota Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem Waaqayyoof dhagna of qabaa; qola qalbii keessaniis dhagna qabadhaa; yoo kanaa achii sababii hammina isin hojjetaniitiif dheekkamsi koo kaʼee akka ibiddaa ni bobaʼa; namni isa dhaamsus hin jiru.
JER 4:5 “Yihuudaa keessatti beeksisaa; Yerusaalem keessattis akkana jedhaa labsaa: ‘Biyyattii guutuu keessatti malakata afuufaa! Sagalee ol fudhadhaatii akkana jedhaa: walitti qabamaa! Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannaa!’
JER 4:6 Xiyoon dhaquuf faajjii ol qabaa? Dafaa baqadhaa malee duubatti hin harkifatinaa! Ani karaa kaabaatiin balaa, badiisa suukaneessaas nan fidaatii.”
JER 4:7 Leenci bosona isaatii baʼeera; barbadeessaan sabootaa karaa qabateera. Inni biyya kee onsuuf jedhee iddoo isaatii kaʼeera. Magaalaawwan kee onanii jiraattota malee ni hafu.
JER 4:8 Kanaafuu isin uffata gaddaa uffadhaatii booʼaa wawwaadhaa; dheekkamsi Waaqayyoo sodaachisaan sun nurraa hin deebineetii.
JER 4:9 Waaqayyo akkana jedha: “Guyyaa sana mootiinii fi qondaaltonni onnee dhabu; luboonni akka malee naʼu; raajonnis ni raafamu.”
JER 4:10 Anis akkana nan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati utuu goraadeen kokkee keenya irra jiruu, ‘Isin nagaa qabaattu’ jechuudhaan saba kanaa fi Yerusaalemin guutumaan guutuutti gowwoomsiteerta?”
JER 4:11 Yeroo sanatti saba kanaa fi Yerusaalemitti akkana jedhamee ni himama; “Bubbeen waa gubu tokko iddoowwan ol kaʼoo qullaa kanneen gammoojjii keessaa irraa gara saba kootiitti ni bubbisa; garuu afarsuuf yookaan qulqulleessuuf miti;
JER 4:12 bubbeen waan sanaaf akka malee cimaa taʼe tokko na biraa ni dhufa. Anis murtii koo isaanitti nan labsa.”
JER 4:13 Kunoo, inni akka duumessaatti, gaariin isaas akka bubbeetti ni dhufa; fardeen isaa risaa caalaa saffisu. Wayyoo nu baduu keenya!
JER 4:14 Yaa Yerusaalem, ati akka fayyituuf qalbii kee keessaa hammina dhiqadhu. Hamma yoomiitti yaadni hamaan si keessa jiraata?
JER 4:15 Sagaleen tokko Daan irraa lallaba; tulluuwwan Efreem irraas badiisa labsa.
JER 4:16 “Waan kana sabootatti himaa; Yerusaalemittis akkana jedhaa lallabaa: ‘Loltoonni marsanii biyya qabatan tokko lafa fagoodhaa ni dhufu; isaanis magaalaawwan Yihuudaatti ni iyyu.
JER 4:17 Sababii isheen natti fincilteef, isaan akkuma nama lafa qotiisaa eegu tokkootti ishee ni marsu,’ ” jedha Waaqayyo.
JER 4:18 “Amalli keetii fi hojiin kee waan kana sitti fidaniiru. Adabbiin kee kanaa dha. Innis hammam hadhaaʼa! Onnees hammam waraana!”
JER 4:19 Marʼumaan ko, marʼumaan ko! Ani dhukkubbiidhaan nan wixxirfadha. Onneen koo na keessaa waca; onneen koo na keessatti dhaʼata; ani calʼisuu hin dandaʼu. Ani sagalee malakataa dhagaʼeeraatii; waca waraanaas dhagaʼeera.
JER 4:20 Badiisni badiisa irraan dhufa; biyyattiin guutumaan guutuutti ni onti. Dunkaanni koo akkuma tasaa, golgaan koos yeroo gabaabaa keessatti bade.
JER 4:21 Ani hamma yoomiittin mallattoo waraanaa ilaala? Hamma yoomiittis sagalee malakataa dhagaʼa?
JER 4:22 “Uummanni koo gowwaa dha; anas hin beekan. Isaan ijoollee qalbii hin qabnee dha; hubannaas hin qaban. Isaan waan hamaa hojjechuutti ogeeyyii dha; waan gaarii hojjechuu garuu hin beekan.”
JER 4:23 Ani lafa nan ilaale; isheenis bifa hin qabdu; duwwaas turte; samiiwwanis nan ilaale; ifni isaanii dhaamee ture.
JER 4:24 Ani tulluuwwan nan ilaale; isaan sochoʼaa turan; gaarran hundinuus raafamaa turan.
JER 4:25 Ani nan ilaale; namni tokko iyyuu hin turre; simbirroonni samii hundis barrisanii badanii turan.
JER 4:26 Ani nan ilaale; kunoo biyyi midhaan baaftu ontee turte; magaalaawwan ishee hundis, fuula Waaqayyoo duratti dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan diigaman.
JER 4:27 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ani guutumaan guutuutti ishee balleessuu baadhe iyyuu biyyattiin guutumaan guutuutti ni barbadoofti.
JER 4:28 Kanaafuu lafti ni boossi; samiiwwan oliis ni dukkanaaʼu; ani dubbadheeraatii hin gaabbu; murteesseera; dugda duubas hin deebiʼu.”
JER 4:29 Sababii iyya abbootii fardeeniitii fi futtaaftota xiyyaatiin, tokkoon tokkoon magaalaa ni baqata. Garri tokko bosona gobbuu seena; kaan immoo kattaatti ol baʼa; magaalaawwan hundi duwwaa hafaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu.
JER 4:30 Yaa ontuu nana, ati maal gochaa jirta? Ati maaliif wayyaa bildiimaa uffattee faaya warqee kaaʼatte? Maaliif ija kee kuulatte? Ati akkasumaan of miidhagsita. Warri jaallatan si tuffatu; lubbuu kees balleessuu barbaadu.
JER 4:31 Ani iyya akka iyya dubartii ciniinsifattu tokkoo, miixuu akka miixuu dubartii mucaa hangafa deessuu tokko nan dhagaʼe; ani iyya Intala Xiyoon kan yeroo hafuurri ishee citutti argantee harka ishee facaasuudhaan, “Wayyoo! Ani bade; lubbuun koo harka warra nama ajjeesuutti dabarfamtee kennamteerti” jettuu nan dhagaʼe.
JER 5:1 “Daandiiwwan Yerusaalem irra olii gadi deddeebiʼaa; asii fi achi ilaalaatii qalbeeffadhaa; oobdiiwwan ishee sakattaʼaa. Isin yoo nama waan qajeelaa hojjetu, kan dhugaa barbaadu tokko illee argattan ani magaalaa kanaaf dhiifama nan godha.
JER 5:2 Isaan utuma ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jedhanuu amma iyyuu sobaan kakatu.”
JER 5:3 Yaa Waaqayyo, iji kee dhugaa hin barbaaduu? Ati isaan dhoofte; garuu isaan hin dhukkubne; ati isaan caccabsite; isaan garuu sirreeffamuu didan. Isaan dhagaa caalaa mataa jabaatanii qalbii jijjiirrachuu didan.
JER 5:4 Anis akkana jedheen yaade; “Jarri kunneen hiyyeeyyii dha; isaan gowwoota; isaan karaa Waaqayyoo, seera Waaqa isaanii hin beekaniitii.
JER 5:5 Kanaafuu ani hangafoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadha; dhugumaan isaan karaa Waaqayyoo, seera Waaqa isaanis ni beeku.” Isaanis akkasuma waanjoo of irraa caccabsanii hidhaas of irraa kukkutaniiru.
JER 5:6 Kanaafuu leenci bosonaa baʼee isaan nyaata; yeeyyiin gammoojjiis dhufee isaan balleessa; qeerransi warra gad baʼan ciccirachuuf magaalaawwan isaanii biratti riphee eeggata; fincilli isaanii akka malee guddate; duubatti deebiʼuun isaaniis baayʼateeraatii.
JER 5:7 “Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa? Ijoolleen kee na dhiisanii waaqota waaqota hin taʼiniin kakataniiru. Ani waan isaaniif barbaachisu hunda kenneefiin ture; isaan garuu ni ejjan; gara manneen sagaagaltuuwwaniitis gugatan.
JER 5:8 Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha; tokkoon tokkoon isaanii niitii namaatti himimsu.
JER 5:9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa haaloo hin baʼuu?
JER 5:10 “Dallaa dhagaa isheetti ol baʼaatii balleessaa; garuu guutumaan guutuutti miti. Dameewwan ishee irraa ciraa; sabni kun saba Waaqayyoo miti.
JER 5:11 Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa, guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne” jedha Waaqayyo.
JER 5:12 Isaan waaʼee Waaqayyoo soba dubbatan; akkanas jedhan; “Inni homaa hin godhu! Miidhaan tokko iyyuu nutti hin dhufu; goraadee yookaan beela hin arginu.
JER 5:13 Raajonni bubbee malee homaa miti; dubbiin isaan keessa hin jiru; wanni isaan dubbatan isaanumatti haa deebiʼu.”
JER 5:14 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun waan dubbii kana dubbateef, ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda, saba kana immoo qoraan ibiddi gubu nan godha.
JER 5:15 Yaa mana Israaʼel,” jedha Waaqayyo; “Ani saba duriitii fi jabaa, saba ati afaan isaa hin beekne, kan ati dubbii isaa illee hin hubanne tokko biyya fagoodhaa sitti nan fida.
JER 5:16 Manʼeen xiyya isaanii akkuma awwaala banamaa ti; hundi isaaniis loltoota jajjaboo dha.
JER 5:17 Isaan midhaan keetii fi buddeena kee ni nyaatu; ilmaan keetii fi intallan kee ni ajjeesu; bushaayee fi loon kee ni nyaatu; wayinii keetii fi mukkeen harbuu keetii ni nyaatu. Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneen ati amanatte sana goraadeedhaan barbadeessu.
JER 5:18 “Taʼus ani bara sana keessa iyyuu guutumaan guutuutti isin hin balleessu” jedha Waaqayyo.
JER 5:19 “Yommuu namoonni, ‘Waaqayyo Waaqni keenya maaliif waan kana hunda nutti fide?’ jedhanii gaafatanitti, ati, ‘Isin akkuma na dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltan sana, ammas biyya kan mataa keessanii hin taʼin keessatti ormoota ni tajaajiltu’ jettee isaanitti himta.
JER 5:20 “Waan kana mana Yaaqoobitti himaa; Yihuudaa keessattis labsaa:
JER 5:21 Isin uummanni gowwaan hubannaa hin qabne, warri utuu ija qabdanuu hin argine kanneen utuu gurra qabdanuu hin dhageenye waan kana dhagaʼa.
JER 5:22 Isin na hin sodaattanii?” jedha Waaqayyo. “Fuula koo duratti hin hollattanii? Ani galaanaaf cirracha daarii dallaa bara baraa kan inni qaxxaamuruu hin dandeenye godhee tolcheera. Dhaʼaan galaanaa yoo itti buʼe iyyuu isa diiguu hin dandaʼu; galaanichi yoo huurse iyyuu, isa cabsee darbuu hin dandaʼu.
JER 5:23 Sabni kun garuu mata jabeessaa fi fincilaa dha; innis karaa irraa jalʼatee badeera.
JER 5:24 Isaan garaa isaaniitti akkana hin jedhan; ‘Kottaa Waaqayyo Waaqa keenya isa bokkaa arfaasaatii fi bokkaa birraa waqtiidhaan kennu, isa torbanoota itti midhaan walitti qabannu yeroo isaaniitti nuu kennu sana haa sodaannu.’
JER 5:25 Balleessaan keessan waan kana isin irraa deebiseera; cubbuun keessan waan gaarii isin dhabsiiseera.
JER 5:26 “Saba koo gidduu namoota hamoo akka warra nama qabuuf kiyyoo kaaʼaniitti, akkuma nama kiyyoon simbirroo qabuutti riphanii eeggatantu jira.
JER 5:27 Akkuma manʼeen simbiraan guutamu, manneen isaanii sobaan guutamu; isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii,
JER 5:28 gabbatanii bareedaniiru; hamminni isaanii dhuma hin qabu; isaan murtii qajeelaa hin barbaadan. Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman; mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan.
JER 5:29 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?” jedha Waaqayyo. “Ani saba akkasii haaloo hin baafadhuu?
JER 5:30 “Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko biyyattii keessatti taʼeera:
JER 5:31 Raajonni raajii sobaa dubbatu; luboonni humnuma isaaniitiin biyya bulchu; sabni koos waan akkasii jaallata; isin garuu dhuma irratti maal gochuuf jirtu?
JER 6:1 “Yaa saba Beniyaam baqadhaa baʼaa! Yerusaalem keessaa baqadhaa! Teqooʼaa keessatti malakata afuufaa! Beet Hakerem irratti mallattoo ol qabaa! Karaa kaabaatiin balaan, badiisni suukaneessaan ni dhufaatii.
JER 6:2 Ani Intala Xiyoon ishee bareedduu fi qananiituu sana nan galaafadha.
JER 6:3 Tiksoonni bushaayee isaanii fudhatanii isheetti dhufu; dunkaana isaaniis isheetti naannessanii dhaabatu. Tokkoon tokkoon isaaniis iddoo isaaniitti bobbaafatu.”
JER 6:4 “Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa! Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa! Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti; gaaddisni galgalaas dheerateera.
JER 6:5 Kanaafuu kaʼaa, halkaniin ishee dhoofnee daʼannoowwan ishee barbadeessinaa!”
JER 6:6 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Mukkeen ishee ciraa; naannoo Yerusaalemitti tuulaa biyyoo tolchaa; magaalaan kun adabamuu qabdi; isheen cunqursaadhaan guutamteertii.
JER 6:7 Akkuma boolli bishaanii bishaan yaasu sana, isheenis hammina ishee gad yaafti; jeequmsii fi badiisni ishee keessatti ni dhagaʼama. Dhukkubnii fi madaan ishee yeroo hunda fuula koo dura jiran.
JER 6:8 Yaa Yerusaalem gorsa koo dhagaʼi; yoo kanaa achii ani sirraa garagalee, akka namni tokko iyyuu keessa jiraachuu hin dandeenyeef, biyya kee nan onsa.”
JER 6:9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Akkuma wayiniin sirriitti funaanamu sana, isaanis hambaa Israaʼel haa funaanan; akkuma nama ija wayinii ciru tokkootti; ammas harka kee gara dameewwaniitti hiixadhu.”
JER 6:10 Ani eenyuttin dubbadhee akeekkachiisuu dandaʼa? Eenyutu na dhaggeeffata? Kunoo, gurri isaanii dhagna hin qabanne; dhagaʼuus hin dandaʼan. Dubbiin Waaqayyoo isaanitti hin tolu; ittis hin gammadan.
JER 6:11 Ani garuu dheekkamsa Waaqayyootiin guutameera; obsuus hin dandaʼu. “Ijoollee daandii irra jiran irratti, dargaggoota walitti qabaman irratti, dhirsaa fi niitii irratti, warra dulloomanittis dheekkamsa nan dhangalaasa.
JER 6:12 Yeroo ani harka koo warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” jedha Waaqayyo.
JER 6:13 “Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
JER 6:14 Isaan madaa saba kootii akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis ‘Nagaa, nagaa’ jedhu.
JER 6:15 Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo ani isaan adabutti gad gatamu” jedha Waaqayyo.
JER 6:16 Waaqayyo akkana jedha: “Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa; daandii durii iyyaafadhaa; karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa; lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii. Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.
JER 6:17 Ani eegdota isinitti ramadeen ‘Sagalee malakataa dhaggeeffadhaa!’ jedhe, isin garuu, ‘Hin dhaggeeffannu’ jettan.
JER 6:18 Kanaafuu yaa saboota dhagaʼaa; yaa waldaa, waan isaanitti dhufuuf jiru hubadhaa.
JER 6:19 Yaa lafaa dhagaʼi: Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii seera koos tuffataniif, saba kanatti badiisa nan fida; kunis ija daba isaanii ti.
JER 6:20 Ixaanni biyya Shebaatii dhufu, yookaan qayyii biyya fagootii dhufu maal na fayyada? Aarsaan keessan kan gubamu fudhatama hin qabu; qalmi keessanis hin tolu.”
JER 6:21 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Ani fuula saba kanaa dura gufuu nan kaaʼa. Abbootiinii fi ijoolleen walii wajjin itti gufatu; olloonnii fi michoonni ni barbadaaʼu.”
JER 6:22 Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, gareen loltootaa tokko biyya kaabaatii dhufaa jira; sabni guddaan tokkos andaara lafaatii sosochoʼaa jira.
JER 6:23 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii, namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa Intala Xiyoon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.”
JER 6:24 Nu oduu waaʼee isaanii dhageenyeerra; harki keenyas ni laafe. Dhiphinni nu qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu nu qabe.
JER 6:25 Sababii diinni goraadee qabatee fi sababii iddoo hunda gooliin jiruuf isin diidatti gad hin baʼinaa; yookaan karaa irra hin deemnaa.
JER 6:26 Yaa saba ko, uffata gaddaa uffadhaatii daaraa keessa gangaladhaa; akka nama ilma isaa tokkicha dhabeetti hiqqifadhaa booʼaa; inni nama balleessu sun akkuma tasaa nutti dhufaatii.
JER 6:27 “Akka ati karaa isaanii qortee beektuuf ani saba koo gidduutti qorataa si godheera.
JER 6:28 Hundi isaanii finciltoota mata jabeeyyii maqaa namaa balleessuuf asii fi achi jooranii dha. Isaan naasii fi sibiila; isaan hundinuu malaa maltummaa hojjetu.
JER 6:29 Buufaan dilaalii ibiddaan gubee balleessuuf humna guddaan buufa; hojiin ibiddaan qulqulleessuu kun faayidaa malee hojjetama; namoonni hamoon hin balleeffamneetii.
JER 6:30 Sababii Waaqayyo isaan gateef isaan meetii gatamaa jedhamu.”
JER 7:1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha;
JER 7:2 “Balbala mana Waaqayyoo dura dhaabadhuutii akkana jedhii ergaa kana labsi: “ ‘Isin sabni Yihuudaa warri Waaqayyoon waaqeffachuuf balbalawwan kanneeniin ol seentan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
JER 7:3 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; anis akka isin iddoo kana jiraattan nan godha.
JER 7:4 Isin dubbii sobaa amanattanii, “Kun mana qulqullummaa Waaqayyoo ti; mana qulqullummaa Waaqayyoo ti; mana qulqullummaa Waaqayyoo ti!” hin jedhinaa.
JER 7:5 Isin utuu dhugumaan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfattanii murtii qajeelaa waliif kennitanii,
JER 7:6 utuu isin alagaa, ijoollee abbaa hin qabne yookaan haadha hiyyeessaa cunqursuu baattanii iddoo kanatti dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuu baattanii, utuu waaqota isin balleessan duukaa buʼuu baattanii,
JER 7:7 silaa ani akka isin iddoo kana, biyya ani bara baraan abbootii keessaniif kenne keessa jiraattan nan godha.
JER 7:8 Isin garuu dubbii sobaa kan faayidaa hin qabne amanachaa jirtu.
JER 7:9 “ ‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii,
JER 7:10 ergasii dhuftanii mana maqaa kootiin waamamu kana keessatti fuula koo dhaabatanii, utuma amma iyyuu wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjechaa jirtanuu, “Nu keessaa hin qabnu” jettuu?
JER 7:11 Manni maqaa kootiin waamame kun holqa saamtotaa isiniif taʼee? Ani garuu waan kana ergeera! jedha Waaqayyo.
JER 7:12 “ ‘Mee gara Shiiloo iddoo ani jalqabatti iddoo jireenya Maqaa kootiif godhadhe sanaa dhaqaatii waan ani sababii hammina saba koo Israaʼeliif ishee godhe ilaalaa.
JER 7:13 Waaqayyo akkana jedha: Yeroo isin waan kana hunda gootanitti, ani ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin garuu na hin dhaggeeffanne. Ani isinan waame; isin garuu hin owwaanne.
JER 7:14 Kanaafuu ani waanan Shiilootti fide sana amma mana Maqaa kootiin waamamu, mana Qulqullummaa kan isin amanattan, iddoo ani isinii fi abbootii keessaniif kenne kanattis nan fida.
JER 7:15 Ani akkuman obboloota keessan jechuunis saba Efreem hunda fuula koo duraa ariʼe sana isiniinis nan ariʼa.’
JER 7:16 “Kanaafuu ati saba kanaaf hin kadhatin; yookaan waaʼee isaaniitiif hin booʼin yookaan waammata hin dhiʼeessin; ani si hin dhagaʼuutii na hin kadhatin.
JER 7:17 Ati waan isaan magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjetan hin argituu?
JER 7:18 Ijoolleen qoraan funaanu; abbootiin ibidda qabsiisu; dubartoonni immoo Mootittii Samiitiif keekii tolchuuf bukoo bukeessu. Isaan dheekkamsaaf na kakaasuuf waaqota biraatiif dhibaayyuu dhibaafatu.
JER 7:19 Garuu kan isaan dheekkamsaaf kakaasan anaa? jedha Waaqayyo. Isaan ofuma miidhanii qaanaʼan mitii?
JER 7:20 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Aarii fi dheekkamsi koo iddoo kana irratti, namaa fi horii irratti, mukkeen diidaattii fi waan lafti baaftu irratti ni dhangalaʼa; inni inuma bobaʼa malee hin dhaamu.
JER 7:21 “ ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Aarsaa keessan kan gubamu qalma keessanitti dabalaatii foon nyaadhaa!
JER 7:22 Ani yeroon biyya Gibxii abbootii keessan baasetti waaʼee aarsaa gubamuutii fi qalmaa isaanitti hin dubbanne yookaan isaan hin ajajne;
JER 7:23 ani garuu ajaja kana isaaniif nan kenne: Anaaf ajajamaa; ani Waaqa keessan nan taʼa; isinis saba koo ni taatu. Akka isinii toluuf karaa ani isin ajaju hunda irra deemaa.
JER 7:24 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa mata jabina fedhii garaa isaanii duukaa baʼan. Isaan dugda duubatti deebiʼan malee gara fuula duraatti hin deemne.
JER 7:25 Gaafa abbootiin keessan biyya Gibxii baʼanii jalqabee hamma ammaatti ani guyyuma guyyaan, ammumaa amma tajaajiltoota koo raajota isiniif ergeera.
JER 7:26 Isaan garuu na hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne. Isaan mataa jabaatanii abbootii isaanii caalaa waan hamaa hojjetan.’
JER 7:27 “Yeroo ati waan kana hunda isaanitti himtu isaan si hin dhagaʼan; yeroo ati isaan waamtus si jalaa hin owwaatan.
JER 7:28 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Sabni kun saba Waaqayyo Waaqa isaatiif hin ajajamne, kan adabbii isaa illee hin fudhannee dha. Dhugaan badeera; afaan isaanii keessaas dhabameera.
JER 7:29 “ ‘Rifeensa mataa keetii of irraa cirii gati; iddoo ol kaʼaa qullaatti ol baʼii booʼi; Waaqayyo dhaloota dheekkamsa isaa jala jiru kana tuffatee gateeraatii.
JER 7:30 “ ‘Sabni Yihuudaa fuula koo duratti waan hamaa hojjeteera; jedha Waaqayyo. Isaan waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo mana maqaa kootiin waamamu keessa dhaabanii manicha xureessaniiru.
JER 7:31 Isaan ilmaanii fi intallan isaanii achitti ibiddaan gubuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti iddoo sagadaa Toofet ijaaran; kun immoo waan ani isaan hin ajajin yookaan yaada kootti hin dhufinii dha.
JER 7:32 Kanaafuu beekkadhaa! Barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula qalmaa jedhanii waaman malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa; isaan hamma iddoon hanqatutti Toofetitti warra duʼan awwaaluutii, jedha Waaqayyo.
JER 7:33 Reeffi namoota kanaa simbirroota samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee irraa isaan ariʼu tokko iyyuu hin jiru.
JER 7:34 Ani magaalaawwan Yihuudaa keessaa fi daandiiwwan Yerusaalem irra sagalee kolfaatii fi gammachuu, sagalee misirrichaatii fi misirrittii nan balleessa; biyyattiin ni ontiitii.
JER 8:1 “ ‘Bara sana lafeen moototaatii fi qondaaltota Yihuudaa, lafeen lubootaatii fi raajotaa, lafeen namoota Yerusaalem awwaala isaanii keessaa ni baafama’ jedha Waaqayyo.
JER 8:2 ‘Isaan fuula aduu fi jiʼaa duratti, fuula guutummaa urjiiwwan samii hundaa, kanneen jaallatanii fi tajaajilanii, kanneen faana buʼanii gorsa gaafatanii fi waaqeffatan sanaa duratti ni saaxilamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼan malee walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
JER 8:3 Hambaan saba hamaa kanaa hundi lafa ani itti isaan ariʼu hundatti jireenya irra duʼa filata’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
JER 8:4 “Ati akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Namoonni yoo kufan hin kaʼanii? Namni tokko yoo karaa irraa bade hin deebiʼuu?
JER 8:5 Yoos sabni kun maaliif karaa irraa jalʼata? Yerusaalem maaliif yeroo hunda karaa irraa jalʼatti? Isaan gowwoomsaatti cichu; deebiʼuus ni didu.
JER 8:6 Ani qalbeeffadhee dhaggeeffadheera; isaan garuu waan qajeelaa hin dubbatan. Namni tokko iyyuu, “Ani maalan balleesse?” jedhee hammina isaa irraa hin deebiʼu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma farda lolatti gulufuu karaa ofii isaanii irra qajeelu.
JER 8:7 Huummoon samii keessaa iyyuu waqtii isheef murtaaʼe ni beekti; gugeen, daalotee fi cuquliisnis yeroo godaansa isaanii ni eegu. Sabni koo garuu seera Waaqayyoo hin beeku.
JER 8:8 “ ‘Isin akkamitti, “Nu seera Waaqayyoo waan qabnuuf ogeeyyii dha” jechuu dandeessu? Garuu kunoo, qalamni sobaa kan barreessitootaa sobee barreesseera.
JER 8:9 Namoonni ogeeyyiin ni qaaneffamu; isaan naʼanii kiyyoodhaan ni qabamu; isaan erga dubbii Waaqayyoo tuffatanii, ogummaa akkamii qabu ree?
JER 8:10 Kanaafuu ani niitota isaanii namoota biraatiif, lafa qotiisaa isaanii immoo moʼattootaaf nan kenna. Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
JER 8:11 Isaan madaa saba kootii, akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis “Nagaa, nagaa” jedhu.
JER 8:12 Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo adabamanitti gad gatamu jedha Waaqayyo.
JER 8:13 “ ‘Ani guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; jedha Waaqayyo. Wayinii irratti iji hin argamu. Iji harbuu muka harbuu irratti hin argamu. Baalli isaaniis ni coollaga. Wanni ani isaaniif kenne isaan irraa ni fudhatama.’ ”
JER 8:14 Nu maaliif as teenya? Walitti qabamaa! Kottaa gara magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti baqannee achitti haa dhumnu! Waan nu cubbuu isatti hojjenneef Waaqayyo Waaqni keenya badiisatti dabarsee nu kenneeraatii; akka dhugnuufis bishaan summaaʼaa nuu kenneera.
JER 8:15 Nu nagaa abdanne; garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; nu yeroo fayyinaa abdanne; garuu goolii qofatu ture.
JER 8:16 Daan keessaa korrisuu fardeen diinaatu dhagaʼama; guutuun biyyattii himimsuu korommii fardeen isaaniitiin hollatti. Isaan biyyattii fi waan ishee keessa jiru hunda, magaalaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda, balleessuuf dhufaniiru.
JER 8:17 “Ani kunoo bofa hadhaa qabu, buutii falfalli dawweessuu hin dandeenye isinitti nan erga; isaanis isin iddu” jedha Waaqayyo.
JER 8:18 Yaa isa gadda keessatti na Jajjabeessitu, onneen koo na keessatti gaggabdeerti.
JER 8:19 Kunoo, iyyi saba kootii biyya fagoodhaa ni dhagaʼama: “Waaqayyo Xiyoon keessa hin jiruu? Mootiin ishee achi hin jiruu?” “Isaan maaliif fakkiiwwan isaaniitiin, waaqota isaanii tolfamoo biyya ormaatiin dheekkamsaaf na kakaasu?”
JER 8:20 “Yeroon itti midhaan galfamu darbeera; bonnis hobbaʼeera; nu garuu hin fayyine.”
JER 8:21 Sabni koo waan miidhameef anis miidhameera; Ani nan booʼe; sodaan guddaanis na qabate.
JER 8:22 Qorichi dibatan Giliʼaad keessa hin jiruu? Abbaan qorichaa tokko iyyuu achi hin jiruu? Yoos madaan intala saba kootii maaliif hin fayyu ree?
JER 9:1 Akka ani halkanii guyyaa, saba koo dhume sanaaf booʼuuf, maaloo utuu mataan koo madda bishaanii iji koo immoo burqaa imimmaanii taʼe!
JER 9:2 Ani akkan saba koo dhiisee biraa fagaadhuuf, maaloo utuu gammoojjii keessaa lafa bultii kara deemtotaa qabaadhee! Hundi isaanii sagaagaltoota, tuuta saba hin amanamne tokkoo ti.
JER 9:3 “Isaan soba darbachuuf arraba isaanii akka xiyyaatti qopheeffatu; isaan biyyattii keessatti dhugaadhaan hin moʼanne. Isaan cubbuu irratti cubbuu dabalu; anaanis hin beekan” jedha Waaqayyo.
JER 9:4 “Michoota keessan irraa of eegaa; obboleessa hin amaninaa. Obboleessi hundi gowwoomsituu dha, michuun hundis maqa balleessituudhaatii.
JER 9:5 Michuun michuu gowwoomsa; namni tokko iyyuu dhugaa hin dubbatu. Isaan arraba isaanii soba barsiifataniiru; cubbuu hojjechuudhaanis of dadhabsiisaniiru.
JER 9:6 Ati gidduu gowwoomsitootaa jiraatta; isaan gowwoomsaa isaanii keessatti na beekuu didan” jedha Waaqayyo.
JER 9:7 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo, ani sababii cubbuu saba kootiif baqseen isaan qora; ani sababii intala saba kootiitiif maal gochuun dandaʼa?
JER 9:8 Arrabni isaanii xiyya nama galaafatuu dha; inni gowwoomsaa dubbata. Tokkoon tokkoon namaa ollaa isaatti afaan isaatiin nagaa dubbata; garaa isaa keessa garuu kiyyoo kaaʼaaf.
JER 9:9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa, haaloo hin baʼuu ree?”
JER 9:10 Ani tulluuwwaniif gadoodee nan booʼa; lafa dheedaa gammoojjiitiifis faarsee nan booʼa. Sababii isaan onanii hafaniif namni tokko iyyuu achiin hin darbu; marʼachuun looniis hin dhagaʼamu. Simbirroonni samii achii baqataniiru; bineensonnis godaananiiru.
JER 9:11 “Ani Yerusaalemin tuullaa waan diigameetii fi boolla waangoo nan godha; akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu hin dandeenyeef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”
JER 9:12 Ogeessi waan kana hubachuu dandaʼu eenyu? Namni Waaqayyoon qajeelfamee waan kana ibsuu dandaʼu eenyu? Biyyattiin maaliif akkuma gammoojjii namni tokko iyyuu keessa darbuu hin dandeenye tokkootti diigamtee onte?
JER 9:13 Waaqayyo akkana jedhe; “Kun sababii isaan seera koo kan ani fuula isaanii dura kaaʼe sana dhiisaniifii dha; isaan anaaf hin ajajamne yookaan seera koo duukaa hin buune.
JER 9:14 Qooda kanaa mata jabinaan fedhii garaa isaanii duukaa buʼan; akkuma abbootiin isaanii isaan barsiisanittis Baʼaal duukaa buʼan.”
JER 9:15 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, ani akka sabni kun nyaata hadhaaʼaa nyaatuu fi akka inni bishaan summaaʼaa dhugu nan godha.
JER 9:16 Ani saboota isaan yookaan abbootiin isaanii hin beekin keessa isaan nan bittinneessa; ani hamman lafa irraa isaan barbadeessuttis goraadeedhaan isaan nan ariʼa.”
JER 9:17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Mee qalbeeffadhaa! Akka dubartoonni nama boossisan dhufaniif waamaa; isaan keessaa warra ogummaadhaan caalanitti nama ergaa waamsisaa.
JER 9:18 Isaan dafanii dhufanii hamma iji keenya imimmaan yaasee bishaanis baallee ija keenyaa keessaa burqutti iyyanii nuuf haa booʼan.
JER 9:19 Sagaleen booʼichaa kan, ‘Nu hammam badneerra! Qaaniin keenyas hammam guddaa dha! Sababii manneen keenya diigamaniif nu biyya keenya keessaa baʼuu qabna’ jedhu tokko Xiyoon keessaa ni dhagaʼama.”
JER 9:20 Yaa dubartoota, egaa dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; dubbii afaan isaatii baʼuuf gurra keessan banadhaa. Akka itti booʼan intallan keessan barsiisaa; faaruus wal barsiisaa.
JER 9:21 Duuti foddaa keenyaan ol lixeera; daʼannoowwan keenyas seeneera; innis daandiiwwan irraa ijoollee oobdiiwwan sabaa irraa dargaggoota balleesseera.
JER 9:22 Ati akkana jedhi: “Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Reeffi namootaa akkuma kosii diidatti gatamee, akkuma bissii midhaanii kan nama haamuu duubaan hafee nama walitti qabu dhabeetti ciciisa.’ ”
JER 9:23 Waaqayyo akkana jedha: “Ogeessi, ogummaa isaatiin hin boonin; yookaan namni jabaan, jabina isaatiin hin boonin yookaan sooressi, sooroma isaatiin hin boonin;
JER 9:24 namni boonu garuu, akka ani Waaqayyo garaa namaaf laafu, kan lafa irratti murtii qajeelaa fi qajeelummaa hojjetu taʼe hubatee na beekuu isaatiin haa boonu; ani waan kanatti nan gammadaatii,” jedha Waaqayyo.
JER 9:25 Waaqayyo akkana jedha; “Barri ani itti warra foon isaanii qofaan dhagna qabaman hunda adabu ni dhufa; isaanis:
JER 9:26 Gibxi, Yihuudaa, Edoom, Amoon, Moʼaabii fi warra gammoojjii keessa iddoo fagoo jiraatan hunda. Saboonni kunneen hundi dhugumaan dhagna hin qabamne; garaan mana Israaʼel hundaa iyyuu dhagna hin qabamne.”
JER 10:1 Yaa mana Israaʼel, waan Waaqayyo isiniin jedhu dhagaʼaa.
JER 10:2 Waaqayyo akkana jedha: “Isin karaa saboota ormaa hin baratinaa; saboonni ormaa isaan sodaatan iyyuu isin mallattoowwan samii hin sodaatinaa.
JER 10:3 Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu; isaan bosona keessaa muka muru; ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa.
JER 10:4 Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu; akka inni hin sochooneef burruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu.
JER 10:5 Waaqonni isaanii tolfamoon akkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisan kan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan; isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu. Sababii isaan nama miidhuu yookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeef isaan hin sodaatinaa.”
JER 10:6 Yaa Waaqayyo kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; ati guddaa dha; maqaan kees humna guddaa qaba.
JER 10:7 Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne? Kun siif ni malaatii. Ogeeyyii sabootaa hunda keessaa, mootummoota isaanii hunda keessaas kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru.
JER 10:8 Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas; isaan waaqota tolfamoo mukkeenii kanneen faayidaa hin qabneen qajeelfamu.
JER 10:9 Meetiin tumame Tarshiishii, warqeen immoo Uufaazii fidama. Wanni ogeessi hojii mukaatii fi tumtuun warqee hojjetan, wanni hojjettoota ogummaa qabaniin hojjetaman hundi halluu cuquliisaa fi diimaa dhiilgee uffifamaniiru.
JER 10:10 Waaqayyo garuu Waaqa dhugaa ti; inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti. Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti; saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.
JER 10:11 “Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’ ”
JER 10:12 Waaqni garuu humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
JER 10:13 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. Inni bokkaa wajjin balaqqee ni erga; mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
JER 10:14 Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
JER 10:15 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti. Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
JER 10:16 Inni Qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; inni Uumaa waan hundumaa ti, Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
JER 10:17 Ati kan marfamtee jirtu, biyyattii keessaa baʼuuf qabeenya kee walitti qabadhu.
JER 10:18 Waaqayyo akkana jedhaatii; “Kunoo, ani amma warra biyyattii keessa jiraatan furguggisee nan baasa; akka isaan dhiphataniifis rakkina isaanitti nan fida.”
JER 10:19 Waan ani miidhameef anaaf wayyoo! Madaan koo kan hin fayyinee dha! Taʼus ani ofii kootiin, “Kun dhukkuba koo ti; anis isa obsuun qaba” nan jedhe.
JER 10:20 Dunkaanni koo diigameera; funyoon isaa hundis cicciteera. Ilmaan koo na dhiisanii sokkaniiru; isaan hin jiran; namni dunkaana naa dhaabu, yookaan golgaa naa hidhu tokko iyyuu hin jiru.
JER 10:21 Tiksoonni qalbii hin qaban; Waaqayyonis hin barbaaddatan; kanaafuu isaan hin milkaaʼan; bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru.
JER 10:22 Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokko biyya kaabaatii dhufaa jira! Innis magaalaawwan Yihuudaa onsee iddoo waangoonni jiraatan godha.
JER 10:23 Yaa Waaqayyo, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka; namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.
JER 10:24 Yaa Waaqayyo dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin, murtii qajeelaadhaan na sirreessi; yoo kanaa achii ati na balleessitaatii.
JER 10:25 Saboota si hin beeknetti uummata maqaa kee hin waammannetti dheekkamsa kee dhangalaasi. Isaan Yaaqoobin nyaataniiruutii; guutumaan guutuuttis isa nyaatanii; iddoo jireenya isaa illee barbadeessaniiru.
JER 11:1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
JER 11:2 “Dubbii kakuu kanaa dhagaʼaatii saba Yihuudaattii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatanitti himaa.
JER 11:3 Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha, jedhiitii isaanitti himi; ‘Namni dubbii kakuu kanaatiif hin ajajamne haa abaaramu.
JER 11:4 Dubbiin kunis dubbii ani yeroon biyya Gibxi jechuunis boolla ibiddaa kan itti sibiila baqsan keessaa isaan baasetti abbootii keessan ajajee dha.’ Anis akkanan jedhee, ‘Naa ajajamaatii waan ani isin ajaju hunda hojjedhaa; yoos isin saba koo taatu. Anis Waaqa keessan nan taʼa.
JER 11:5 Ergasiis ani kakuu akka biyya aannanii fi dammii keessaa yaaʼu isaaniif kennuuf abbootii keessaniif kakadhe sana fiixaan nan baasa;’ biyyi sunis biyya isin harʼa dhaaltanii jirtanii dha.” Anis “Ameen, Yaa Waaqayyo” nan jedhe.
JER 11:6 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Dubbii kana hunda magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti akkana jedhii labsi; ‘Dubbii kakuu kanaa hunda dhagaʼaatii duukaa buʼaa.
JER 11:7 Ani gaafan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasee jalqabee hamma harʼaatti, “Naa ajajamaa” jedhee ammumaa amma isaan akeekkachiisaan ture.
JER 11:8 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa isaan mata jabina garaa isaanii hamaa sanaa faana buʼan. Kanaafuu ani abaarsa kakuu ani akka isaan duukaa buʼaniif isaan ajajee isaan garuu eeguu didan sanaa hunda isaanittan fide.’ ”
JER 11:9 Ammas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem jiraatu gidduutti fincila tokkotu argame.
JER 11:10 Isaan gara cubbuu abbootii isaanii kanneen dubbii koo dhagaʼuu didan sanaatti deebiʼaniiru. Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jedhaniis isaan faana buʼaniiru. Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa kakuu ani abbootii isaanii wajjin kakadhe sana cabsaniiru.
JER 11:11 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani balaa jarri jalaa baʼuu hin dandeenye tokko isaanitti nan fida. Yoo isaan natti iyyatan iyyuu ani isaan hin dhagaʼu.
JER 11:12 Magaalaawwan Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem dhaqanii waaqota duraan ixaana aarsaniif sanatti iyyatan; waaqonni sun garuu yeroo rakkinni isaanitti dhufutti isaan gargaaruu hin dandaʼan.
JER 11:13 Yaa Yihuudaa ati akkuma magaalaawwan baayʼee qabdu sana waaqota baayʼee qabda; iddoowwan aarsaa kanneen isin Baʼaal waaqa qaanessaa sanaaf qopheessitanis akkuma daandiiwwan Yerusaalem baayʼatan.’
JER 11:14 “Sababii ani yeroo isaan rakkina isaanii keessatti na waammatanitti isaan hin dhageenyeef ati saba kanaaf hin kadhatin; waammata yookaan iyyata tokko illee hin dhiʼeessiniif.
JER 11:15 “Michuun koo namoota hedduu wajjin hojii hamaa hojjechaa mana qulqullummaa koo keessaa maal qabdi? Foon qulqulleeffamee addaan baafame adabbii kee sirraa deebisuu ni dandaʼaa? Gaafa waan hamaa hojjettu, ati ni gammaddaatii.”
JER 11:16 Waaqayyo duraan, Muka ejersaa lalisaa miidhagaa ija qabu siin jedhee ture. Amma garuu huursaa bubbee jabaatiin ibidda itti qabsiisa; dameewwan isaas ni caccabsamu.
JER 11:17 Sababii manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa waan hamaa hojjetanii, Baʼaaliif ixaana aarsuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniif Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu inni si dhaabe sun badiisa sitti labseera.
JER 11:18 Sababii Waaqayyo mala isaanii naaf ibseef ani waan sana nan beeke; inni yeroo sanatti waan isaan hojjechaa jiran natti argisiiseeraatii.
JER 11:19 Anis akkuma xobbaallaa hoolaa isa garraamii kan gara qalmaatti oofamu tokkoon ture; ani akka isaan, “Kottaa muka sanaa fi ija isaa haa barbadeessinuu; akka maqaan isaa siʼachi hin yaadatamneef, kottaa biyya jiraattotaa keessaa isa balleessinaa” jechuudhaan natti malatan ani hin hubannen ture.
JER 11:20 Garuu yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, kan murtii qajeelaa kennitu, kan garaa fi yaada namaa qortu, ani dhimma koo sitti kennadheeraatii ati akka haaloo isaanitti baatu na argisiisi.
JER 11:21 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedhee waaʼee namoota Anaatoot warra, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin raajii hin dubbatin yoo kanaa achii harka keenyatti duuta’ jechuudhaan si ajjeesuu barbaadan sanaa dubbata.
JER 11:22 Kanaafuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani jara nan adaba. Dargaggoonni isaanii goraadeedhaan, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii immoo beelaan ni dhumu.
JER 11:23 Sababii ani bara isaan itti adabaman keessa namoota Anaatootitti balaa fiduuf isaan hambaa tokko iyyuu hin qabaatan.’ ”
JER 12:1 Yaa Waaqayyo yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti ati yeroo hunda qajeelaa dha. Taʼu iyyuu ani waaʼee qajeelummaa keetii nan dubbadha; karaan jalʼootaa maaliif milkaaʼa? Warri hin amanamne hundi maaliif nagaan jiraatu?
JER 12:2 Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru; ni guddatu; ijas ni naqatu. Ati yeroo hunda afaan isaaniitii hin buutu; garaa isaanii irraa garuu fagoo jirta.
JER 12:3 Taʼus yaa Waaqayyo ati na beekta; na ilaaltees yaada ani siif qabu ni qorta. Akka hoolaa qalamuuf deemuutti harkisii isaan geessi! Guyyaa qalmaatiifis kophaatti isaan baasi!
JER 12:4 Biyyattiin hamma yoomiitti boossee margi dirree hundis goga? Sababii hammina warra biyyattii keessa jiraataniitii fi sababii namoonni, “Inni waan nurra gaʼaa jiru hin argu” jedhaniif horii fi simbirroonni dhumaniiru.
JER 12:5 “Ati namoota lafoo wajjin fiigdee erga isaan si dadhabsiisanii, fardeen wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa ree? Ati biyya nagaa keessatti erga gufatte, bosona Yordaanos keessatti akkam taata ree?
JER 12:6 Obboloonni kee, maatiin abbaa keetii, isaan iyyuu si gananiiru; isaan sagalee ol fudhatanii sitti iyyu. Yoo isaan afaan nagaa sitti dubbatan iyyuu, ati isaan hin amanin.
JER 12:7 “Ani mana koo dhiiseera; handhuuraa koos gateera; ani ishee garaan koo jaallatu sana harka diinota isheetti dabarsee kenneera.
JER 12:8 Handhuuraan koo akkuma leenca bosonaa natti taateerti. Isheen natti aadde; kanaafuu ani ishee jibbeera.
JER 12:9 Handhuuraan koo akka allaattii burree kan allaattiiwwan biraa marsanii miidhan tokkoo natti hin taanee? Dhaqaatii bineensota bosonaa hunda walitti qabaa; akka ishee nyaataniifis isaan fidaa.
JER 12:10 Tiksoonni hedduun iddoo dhaabaa wayinii kootii ni balleessu; qooda koos ni dhidhiitu; qooda natti tolus ni onsu.
JER 12:11 Isaan isa onsu; inni onee gara kootti iyya; namni dhimma isaa qabus waan hin jirreef lafti guutuun onee hafa.
JER 12:12 Lafa ol kaʼaa qullaa gammoojjii keessaa hunda irra balleessitoonni ni raamʼisu; goraadeen Waaqayyoo // moggaa biyyattii tokko irraa hamma moggaa kaaniitti ni fixaatii; namni tokko iyyuu hin hafu.
JER 12:13 Isaan qamadii facaasu garuu qoraatii haammatu; ni dhamaʼu garuu homaa hin argatan. Sababii dheekkamsa Waaqayyoo isa cimaa sanaatiif midhaan galfatanitti ni qaanaʼu.”
JER 12:14 Waaqayyo akkana jedha; “Ani olloota koo hamoo kanneen handhuuraa ani saba koo Israaʼeliif kenne qabatan hunda biyya isaanii keessaa nan buqqisa; mana Yihuudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa.
JER 12:15 Ani ergan isaan buqqisee booddee deebiʼee naʼeefii tokkoo tokkoo isaanii gara handhuuraa isaaniitii fi gara biyya ofii isaaniitti nan deebisa.
JER 12:16 Yoo isaan haala jireenya saba koo akka gaarii baratanii akkuma duraan saba koo Baʼaaliin kakachuu barsiisan sana, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jechuudhaan maqaa kootiin kakatan, isaan saba koo gidduutti ni hundeeffamu.
JER 12:17 Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas” jedha Waaqayyo.
JER 13:1 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu mudhii keetti hidhadhu; garuu bishaan hin tuqsiisin.”
JER 13:2 Kanaafuu ani akkuma Waaqayyo na ajajetti sabbata bitadhee mudhii kootti nan hidhadhe.
JER 13:3 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee yeroo lammaffaa gara koo dhufe:
JER 13:4 “Sabbata bitattee mudhiitti hidhatte sana fuudhiitii gara Laga Efraaxiis dhaqi; sabbata sanas baqaqaa kattaa keessa dhoksi.”
JER 13:5 Kanaafuu ani akkuma Waaqayyo na ajajetti dhaqee sabbata sana Laga Efraaxiis bira nan dhokse.
JER 13:6 Bultii hedduu booddee Waaqayyo, “Amma gara Efraaxiis dhaqiitii sabbata ani akka ati achitti dhoksitu si ajaje sana fudhadhu” naan jedhe.
JER 13:7 Kanaafuu ani gara Efraaxiis dhaqee sabbata sana iddoon itti dhoksee ture sanaa qotee baasee nan fudhadhe; sabbanni sun garuu yeroo sanatti ciccitee guutumaan guutuutti horoomaa baʼee ture.
JER 13:8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
JER 13:9 “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani haaluma wal fakkaatuun of tuulummaa Yihuudaatii fi of tuulummaa Yerusaalem guddaa sana nan balleessa.
JER 13:10 Sabni hamaan dubbii koo dhagaʼuu didee mata jabina garaa isaa duukaa buʼee waaqota biraa tajaajiluu fi waaqeffachuuf isaan faana buʼe kun akkuma sabbata kanaa ni taʼa; guutumaan guutuuttis horoomaa baʼa.
JER 13:11 Akkuma sabbanni tokko mudhii namaatti hidhamu sana anis akka isaan saba, maqaa, galataa fi ulfina naa taʼaniif guutummaa mana Israaʼelii fi guutummaa mana Yihuudaa ofitti maxxanseen ture. Isaan garuu na hin dhaggeeffanne’ jedha Waaqayyo.
JER 13:12 “Ati akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qaba.’ Yoo isaan, ‘Nu akka qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qabu hin beeknuu?’ siin jedhan,
JER 13:13 ati akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani namoota biyya kana keessa jiraatan hunda, mootota teessoo Daawit irra taaʼan, luboota, raajotaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda machiidhaan nan guuta.
JER 13:14 Ani tokkoo tokkoo isaanii walittin buusa; abbootii fi ilmaanis akkasuma walitti nan buusa, jedha Waaqayyo. Ani isaan nan balleessa malee isaaniif hin naʼu yookaan isaaniif hin araaramu yookaan garaa hin laafuuf.’ ”
JER 13:15 Dhagaʼaa; qalbeeffadhaas; of hin tuulinaa; Waaqayyo dubbateeraatii.
JER 13:16 Utuu inni dukkana hin fidin, utuu miilli keessan tulluu dukkanaaʼaa jiru irratti hin gufatin Waaqayyo Waaqa keessaniif ulfina kennaa. Isin ifa abdattu; inni garuu ifa sana dimimmisatti deebisee dukkana duudaatti geeddara.
JER 13:17 Yoo isin dhagaʼuu baattan garuu, sababii of tuulummaa keessaniitiif lubbuun koo dhoksaatti ni boossi; sababii bushaayeen Waaqayyoo boojuun fuudhamaniif iji koo akka malee boossee imimmaan ishee keessaa ni rooba.
JER 13:18 Mootichaa fi haadha mootichaatiin, “Teessoo keessan irraa buʼaa; gonfoon keessan ulfina qabeessi sun mataa keessan irraa ni buʼaatii” jedhi.
JER 13:19 Magaalaawwan Negeeb ni cufamu; namni isaan banu tokko iyyuu hin jiru. Yihuudaan hundi ni boojiʼamti; guutumaan guutuuttis biyyaa fudhatamti.
JER 13:20 Ija keessan ol fudhadhaatii warra gama kaabaatii dhufaa jiran ilaalaa. Bushaayeen imaanaa sitti kennaman, hoolonni ati ittiin boonte sun eessa jiru?
JER 13:21 Yommuu Waaqayyo warra ati akka isaan michoota siif taʼaniif leenjifte sana sirratti muudutti ati maal jetta? Akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo dhiphinni si hin qabuu?
JER 13:22 Yoo ati, “Wanni kun maaliif natti dhufe?” jettee of gaafatte wanni wandaboon kee sirraa mulqamee dhagni kee salphifameef sababii cubbuu kee baayʼee sanaatiif.
JER 13:23 Namni Itoophiyaa tokko bifa isaa yookaan qeerransi buburrina isaa geeddaruu ni dandaʼaa? Isin warri hammina hojjechuu barattanis waan gaarii hojjechuu hin dandeessan.
JER 13:24 “Akkuma bubbeen gammoojjii habaqii bittinneessu sana anis isin nan bittinneessa.
JER 13:25 Sababii ati na irraanfattee waaqota sobaa amanatteef, kun ixaa kee, qooda ani siif safaree dha” jedha Waaqayyo.
JER 13:26 “Akka qaaniin kee mulʼatuuf ani wandaboo kee fuula keetti ol nan soqola.
JER 13:27 Ejjummaa fi himimsuun kee, sagaagalummaan kee kan qaanii hin qabne sunis ni mulʼata! Ani hojii kee jibbisiisaa sana gaarran irraa fi bakkee keessatti argeera. Yaa Yerusaalem, siif wayyoo! Ati hamma yoomiitti xurooftee hafta?”
JER 14:1 Dubbiin Waaqayyoo waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 14:2 “Yihuudaan ni boossi; magaalaawwan ishees gad deebiʼaa jiru; isaan biyyattiidhaaf ni wawwaatu; iyyi tokkos Yerusaalemii dhagaʼamaa jira.
JER 14:3 Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu; isaanis gara boolla bishaanii dhaqu; garuu bishaan hin argatan. Isaan okkotee isaanii duwwaa qabatanii deebiʼu; isaan qaanaʼanii abdii kutatanii mataa isaanii haguuggatu.
JER 14:4 Sababii biyyattii keessaa bokkaan dhabameef lafti ni babbaqaqxe; qonnaan bultoonnis abdii kutatanii mataa isaanii haguuggatu.
JER 14:5 Sababii margi hin jirreef, borofni bakkee iyyuu ilmoo ishee kan reefuu dhalatte gattee deemti.
JER 14:6 Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjanii akkuma waangotaa arganu; sababii waan dheedan dhabaniif iji isaanii waa arguu dadhabe.”
JER 14:7 Yaa Waaqayyo, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu ati maqaa keetiif jedhiitii waa nuu godhi. Duubatti deebiʼuun keenya baayʼateera; nu cubbuu sitti hojjenneerra.
JER 14:8 Yaa abdii Israaʼel, Fayyisaa ishee kan yeroo rakkinaa, ati maaliif akkuma kara deemtuu halkan tokko qofa bultuu biyyattii keessatti akkuma keessummaa taata?
JER 14:9 Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo, akkuma loltuu nama oolchuu hin dandeenye tokkoo taata? Yaa Waaqayyo, ati nu gidduu jirta; nu maqaa keetiin waamamna; ati nu hin gatin.
JER 14:10 Waaqayyo waaʼee saba kanaa akkana jedha: “Isaan jooruu jaallatu; miilla isaanii hin ittifatan. Kanaafuu Waaqayyo isaanitti hin gammadu; inni amma hammina isaanii ni yaadata; cubbuu isaaniitiifis isaan adaba.”
JER 14:11 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin.
JER 14:12 Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.”
JER 14:13 Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa Waaqayyo Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.”
JER 14:14 Amma illee Waaqayyo akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu.
JER 14:15 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu.
JER 14:16 Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii.
JER 14:17 “Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu: “ ‘Iji koo halkanii fi guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaan haa lolaasu; intalli, Durbi Qulqullittiin saba kootii akka malee madooftee dhaʼicha hamaadhaan dhaʼamte.
JER 14:18 Ani yoon baadiyyaa dhaqe, warra goraadeedhaan dhuman nan arga; yoon magaalaa seene immoo, warra beelaan dhuman nan arga. Raajonnii fi luboonni biyya hin beekne keessa jooru.’ ”
JER 14:19 Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa? Xiyooniinis ni tuffattaa? Ati maaliif akka nu fayyuu hin dandeenyeef nu miita? Nu nagaa abdanne; garuu wanni gaariin tokko iyyuu hin dhufne; nu yeroo fayyinaa abdanne; garuu raafama qofatu jira.
JER 14:20 Yaa Waaqayyo, nu hammina keenyaa fi yakka abbootii keenyaa ni beekna; nu dhugumaan cubbuu sitti hojjenneerra.
JER 14:21 Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin; teessoo kee ulfina qabeessa sanas hin qaanessin. Kakuu nu wajjin galte sana yaadadhu; isas hin cabsin.
JER 14:22 Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaa tokko iyyuu bokkaa ni roobsaa? Samiiwwan mataan isaanii iyyuu tiifuu gad erguu? Yaa Waaqayyo Waaqni keenya suma mitii? Kanaafuu abdiin keenya suma; situ waan kana hunda hojjetaatii.
JER 15:1 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yoo Musee fi Saamuʼeel fuula koo dura dhaabatan iyyuu garaan koo gara saba kanaatti hin deebiʼu. Fuula koo duraa isaan ariʼi! Isaan haa deeman!
JER 15:2 Yoo isaan, ‘Eessa dhaqna?’ jedhanii si gaafatan immoo akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Namni duʼaaf ramadame gara duʼaa, namni goraadeedhaaf ramadame gara goraadee, namni beelaaf ramadame gara beelaa, namni boojuudhaaf ramadame immoo gara boojuu dhaqa.’
JER 15:3 “Ani waan isaan balleessu gosa afur isaanitti nan erga” jedha Waaqayyo. “Akka isaan ajjeesuuf goraadee, akka isaan harkisaniif saroota, akka isaan nyaatanii fixaniif immoo allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaa isaanitti nan erga.
JER 15:4 Ani sababii Minaaseen ilmi Hisqiyaas mootichi Yihuudaa Yerusaalem keessatti hojjete waan sanaatiif fuula mootummoota lafa irraa hunda duratti jibbamtoota isaan nan godha.
JER 15:5 “Yaa Yerusaalem, eenyutu garaa siif laafa? Eenyutu siif booʼa? Eenyutu si dubbisuuf sitti gora?
JER 15:6 Ati na dhiifteerta; ittuma fuftees duubatti deebiʼaa jirta” jedha Waaqayyo. “Kanaafuu ani harka koo sitti hiixadhee sin balleessa; ani siʼachi siif naʼuu hin dandaʼu.
JER 15:7 Ani karrawwan magaalaa biyyattii duratti, qorbiidhaan qilleensatti isaan nan kenna. Ani saba kootti gaddaa fi badiisa nan fida; isaan karaa isaanii irraa hin deebineetii.
JER 15:8 Ani haadhota hiyyeessaa isaanii cirracha galaanaa caalaa nan baayʼisa. Ani haadhota dargaggoota isaaniitti, guyyuma saafaadhaan waan isaan balleessu tokko nan fida; ani goolii fi naasuu akkuma tasaa isaanitti nan gadhiisa.
JER 15:9 Haati ilmaan torbaa gaggabdee hafuura dhumaa baafatti. Aduun ishee guyyuma adiidhaan dhiiti; isheenis salphattee namaa gad taati. Ani hambaawwan isaanii fuula diinota isaanii duratti goraadeef dabarsee nan kenna” jedha Waaqayyo.
JER 15:10 Wayyoo yaa haadha ko, kan ana nama biyyattii guutuu loluu fi falmu deesse? Ani hin liqeessine yookaan hin liqeeffanne; namni hundi garuu na abaara.
JER 15:11 Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan kaayyoo gaariidhaaf sin baraara; Ani dhugumaan yeroo rakkinaatii fi gidiraatti, akka diinonni kee si kadhatan nan godha.
JER 15:12 “Namni kam iyyuu sibiila, sibiila kaabaa dhufe yookaan naasii cabsuu ni dandaʼaa?
JER 15:13 “Sababii cubbuu kee hunda kan biyya kee guutuu keessa jiru sanaatiif ani badhaadhummaa keetii fi qabeenya kee toluma boojuuf nan kenna.
JER 15:14 Sababii dheekkamsi koo ibidda ishee gubu qabsiisuuf, ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa.”
JER 15:15 Yaa Waaqayyo situ beeka; na yaadadhu; na tiksis. Warra na ariʼatan haaloo naaf baʼi. Ati obsa guddaa qabdaatii na hin balleessin; akka ani siif jedhee tuffatamu beeki.
JER 15:16 Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe; innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe; yaa Waaqayyo, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, ani maqaa keetiin nan waamamaatii.
JER 15:17 Ani gonkumaa tuuta fandalaltootaa wajjin hin teenye; gonkumaa isaan wajjin hin gammanne; sababii harki kee narra turee fi sababii ati aariidhaan na guutteef ani kophaa koo nan taaʼe.
JER 15:18 Rakkinni koo maaliif dhuma dhabe? Madaan koos maaliif fayyuu dide? Ati akka laga nama gowwoomsuu akka burqaa goguus natti taataa?
JER 15:19 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ati qalbii jijjiirratte, ani akka ati na tajaajiltuuf deebisee sin dhaaba; Ati yoo dubbii faayidaa hin qabne dhiiftee dubbii faayidaa qabu dubbatte afaan naaf taata. Sabni kun gara keetti haa deebiʼuu malee ati gara isaaniitti deebiʼuu hin qabdu.
JER 15:20 Ani saba kanaaf dallaa dhagaa, dallaa naasii kan jabeeffamee ijaarame sin taasisa; isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baraaruu fi si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.
JER 15:21 “Ani harka namoota hamoo jalaa sin baasa; harka warra gara jabeeyyii jalaas sin fura.”
JER 16:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
JER 16:2 “Ati iddoo kanatti niitii fuutee ilmaan yookaan intallan hin dhalchin.”
JER 16:3 Waaqayyo waaʼee ilmaanii fi intallan iddoo kanatti dhalatanii, waaʼee dubartoota haadhota isaanii taʼaniitii fi waaʼee dhiirota abbootii isaanii taʼanii akkana jedhaatii:
JER 16:4 “Isaan dhukkuba nama ajjeesuun dhumu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamee taʼu malee booʼicha hin argatan; hin awwaalamanis. Isaan goraadee fi beelaan dhumu. Reeffi isaaniis allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa.”
JER 16:5 Waaqayyo akkana jedhaatii: “Ati mana booʼichaa hin seenin yookaan dhaqxee hin booʼin yookaan isaan hin jajjabeessin; ani eebba koo, jaalala kootii fi gara laafina koo saba kana irraa fudhadheeraatii” jedha Waaqayyo.
JER 16:6 “Namni xinnaa fi guddaan biyya kana keessatti ni duʼa. Isaan hin awwaalaman yookaan booʼicha hin argatan; namni tokko iyyuu isaaniif jedhee of hin murmuru yookaan mataa hin haaddatu.
JER 16:7 Namni tokko iyyuu warra namni irraa duʼe jajjabeessuuf jedhee nyaata hin geessuuf; yookaan namni tokko iyyuu nama abbaan yookaan haati jalaa duute jajjabeessuuf jedhee dhugaatii hin geessu.
JER 16:8 “Mana cidhi jiru hin seenin; nyaachuu fi dhuguuf jettees isaan wajjin hin taaʼin.
JER 16:9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: Ani ija keessan durattii fi bara keessan keessa sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa iddoo kanaa nan balleessa.
JER 16:10 “Yeroo ati waan kana hunda saba kanatti himtee isaan, ‘Waaqayyo maaliif badiisa guddaa akkanaa nurratti labse? Nu maal balleessine? Waaqayyo Waaqa keenyattis cubbuu maalii hojjennee?’ jedhanii si gaafatanitti,
JER 16:11 akkana isaaniin jedhi; ‘Kun sababii abbootiin keessan na dhiisanii waaqota kaan duukaa buʼanii isaan tajaajilanii fi isaan waaqeffataniif’ jedha Waaqayyo; ‘isaan na dhiisan; seera koos hin eegne.
JER 16:12 Isin garuu abbootii keessan iyyuu caalaa hammaattaniirtu. Kunoo tokkoon tokkoon keessan qooda anaaf ajajamuu mata jabina hammina garaa keessanii duukaa buutaniirtuutii.
JER 16:13 Kanaafuu ani biyya kana keessaa isin baasee, biyya isin yookaan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata; isinis achitti halkanii guyyaa waaqota biraa tajaajiltu; ani isiniif hin naʼuutii.’
JER 16:14 “Taʼus” jedha Waaqayyo, “barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa, isa biyya Gibxii Israaʼeloota baase sanaa’ jedhanii hin kakanne ni dhufa,
JER 16:15 isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya kaabaatii fi biyyoota itti isaan bittinneesse hunda keessaa baasee fide sanaa’ ni jedhu. Ani biyya abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan nan deebisaatii.
JER 16:16 “Amma immoo ani akka isaan qurxummii qabdoota hedduu fidaniif namoota nan erga” jedha Waaqayyo; “isaanis jara ni qabu. Ergasii ani akka isaan adamsitoota hedduu fidaniif namoota nan erga; isaanis tulluu hundaa fi gaara hunda irra, baqaqaa kattaa hunda keessas jara ni adamsu.
JER 16:17 Iji koo karaa isaanii hunda irra jira; isaanis na duraa hin dhokatan; cubbuun isaaniis ija koo duraa hin dhokfamu.
JER 16:18 Sababii isaan fakkiiwwan isaanii lubbuu dhabeeyyii faayidaa hin qabne sanaan biyya koo xureessanii, waaqota isaanii jibbisiisoo sanaanis handhuuraa koo guutaniif ani gatii hamminaa fi lubbuu isaaniitiif malu harka lama nan baasaaf.”
JER 16:19 Yaa Waaqayyo, jabina kootii fi daʼannoo ko, daʼoo koo kan yeroo rakkinaa, ormoonni handaara lafaatii gara kee dhufanii akkana jedhu, “Abbootiin keenya waaqota sobaa, waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen waan gaarii tokko illee isaaniif hin goone sana malee homaa hin dhaalle.
JER 16:20 Namoonni ofii isaaniitiif waaqota ni tolfatuu? Eeyyee, garuu isaan waaqota miti!”
JER 16:21 “Kanaafuu ani isaan nan barsiisa; yeroo kanatti ani humna koo fi jabina koo isaan nan barsiisa. Yoos isaan akka maqaan koo Waaqayyo taʼe ni beeku.
JER 17:1 “Cubbuun Yihuudaa meeshaa sibiilaatiin qirixaameera; qara dhagaatiinis gabatee garaa isaanii irrattii fi gaanfa iddoo aarsaa isaanii irratti barreeffameera.
JER 17:2 Ijoolleen isaanii iyyuu iddoowwan aarsaa isaaniitii fi siidaa Aasheeraa kanneen mukkeen lalisaa cinaatii fi gaarran ol dheeroo irraa sana yaadatan.
JER 17:3 Ani sababii cubbuu biyya kee guute sanaatiif tulluu koo kan biyya keessaa, qabeenya keetii fi badhaadhummaa kee hunda iddoo ol kaʼaa kee wajjin dabarsee boojuuf nan kenna.
JER 17:4 Ati dogoggora mataa keetiitiin dhaala ani siif kenne ni dhabda. Ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa; ati dheekkamsa koo qabsiifteertaatii; innis bara baraan ni bobaʼa.”
JER 17:5 Waaqayyo akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa Waaqayyo irraa garagalu abaaramaa dha.
JER 17:6 Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa; yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu. Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaa biyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata.
JER 17:7 “Namni Waaqayyoon amanatu, kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.
JER 17:8 Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; ija naqachuus hin dhiisu.”
JER 17:9 Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; garmalees hamaa dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
JER 17:10 “Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti, akkuma waan hojii isaatiif maluutti gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; qalbii isaas nan qora.”
JER 17:11 Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti. Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada; dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama.
JER 17:12 Teessoon ulfina qabeessi durumaa jalqabee ol ol jedhu sun, iddoo qulqullummaa keenyaa ti.
JER 17:13 Yaa Waaqayyo, abdii Israaʼel, warri si dhiisan hundi ni qaaneffamu. Warri sirraa garagalan biyyoo keessatti galmeeffamaniiru; isaan Waaqayyoon burqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiruutii.
JER 17:14 Yaa Waaqayyo na fayyisi; anis nan fayyaa; na oolchi, anis nan oolfama; kan ani jajadhu sumaatii.
JER 17:15 Isaan ittuma fufanii, “Dubbiin Waaqayyoo eessa jira? Mee amma haa raawwatamu!” naan jedhu.
JER 17:16 Ani tiksee taʼee si tajaajiluu irraa duubatti hin deebine; ati akka ani guyyaa badiisaa hin hawwine ni beekta. Wanni afaan kootii baʼu fuuluma kee dura jira.
JER 17:17 Ati na hin rifachiisin; guyyaa badiisaatti ati daʼoo koo ti.
JER 17:18 Warri na adamsan haa qaaneffaman; ana garuu qaanii irraa na oolchi; isaan haa rifatan; ana garuu rifaatii irraa na eegi. Guyyaa badiisaa isaanitti fidi; badiisa dachaatiin isaan balleessi.
JER 17:19 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii karra uummataa karaa mootonni Yihuudaa ittiin seenanii baʼan dura dhaabadhu; akkasumas karrawwan Yerusaalem kaan hunda dura dhaabadhu.
JER 17:20 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaa, sabni Yihuudaa hundii fi namoonni Yerusaalem keessa jiraattan kanneen karra kanaan ol galtan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
JER 17:21 Waaqayyo akkana jedha: Akka guyyaa Sanbataatiin baʼaa hin baanne yookaan karrawwan Yerusaalemiin ol hin galchine of eeggadhaa.
JER 17:22 Akkuma ani abbootii keessan ajajetti guyyaa Sanbataa kabajaa malee guyyaa Sanbataatiin mana keessanii baʼaa gad hin baasinaa yookaan hojii kam iyyuu hin hojjetinaa.
JER 17:23 Taʼus isaan hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; garuu akka hin dhageenyee fi akka qajeelfama hin fudhanneef mataa jabaatan.
JER 17:24 Waaqayyo akkana jedha; yoo isin na dhageessanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko illee karrawwan magaalaa kanaatiin ol galchuu dhiiftanii qooda kanaa gaafas hojii kam iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eegdan,
JER 17:25 mootonni teessoo Daawit irra taaʼan qondaaltota isaanii wajjin karrawwan magaalaa kanaatiin ol seenu. Isaanis qondaaltota isaanii wajjin gaariiwwanii fi fardeen yaabbatanii namoota Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan wajjin ni dhufu; magaalaan kunis magaalaa namni bara baraan keessa jiraatu ni taʼa.
JER 17:26 Namoonnis magaalaawwan Yihuudaatii fi gandoota naannoo Yerusaalemiitii, biyya Beniyaamiitii fi biyya gaara keessaatii, biyya gaaraatii fi Negeebii aarsaa gubamuu fi qalma, aarsaa midhaanii, ixaanaa fi aarsaa galataa fidanii gara mana Waaqayyoo ni dhufu.
JER 17:27 Yoo isin guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eeguuf jettanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko iyyuu baattanii karrawwan Yerusaalemiin ol seenuu dhiisuudhaan anaaf ajajamuu baattan garuu ani ibidda hin dhaamne tokko karrawwan Yerusaalemitti nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoowwan Yerusaalem gubee barbadeessa.’ ”
JER 18:1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
JER 18:2 “Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima.”
JER 18:3 Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture.
JER 18:4 Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.
JER 18:5 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
JER 18:6 “Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha Waaqayyo. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.
JER 18:7 Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti,
JER 18:8 yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa.
JER 18:9 Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse,
JER 18:10 yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa.
JER 18:11 “Kanaafuu amma saba Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kunoo! Ani badiisa isiniif qopheesseen mala isinitti karoorsaa jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon keessan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa.’
JER 18:12 Isaan garuu akkana jedhanii deebii kennan: ‘Kun faayidaa hin qabu. Nu karooruma keenyaan itti fufna; tokkoon tokkoon keenya mata jabinaa fi hammina garaa keenyaa duukaa buuna.’ ”
JER 18:13 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Mee saboota keessa iyyaafadhaa: Eenyutu takkumaa waan akkanaa dhagaʼee beeka? Israaʼel Durbi Qulqullittiin waan suukaneessaa tokko hojjetteerti.
JER 18:14 Cabbiin Libaanoon takkumaa ededa kattaa isaa irraa badee beekaa? Bishaan isaa diilallaaʼaan burqaa fagootii dhufu sun takkumaa citee beekaa?
JER 18:15 Sabni koo garuu na irraanfateera; isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen karaawwan isaanii irrattii fi daandiiwwan durii irratti isaan gufachiisaniif ixaana aarsu. Isaan karaa hin tolfamne irra daandii qalʼoo irra isaan deemsisaniiru.
JER 18:16 Biyyi isaanii ni ona; bara baraanis biyya qoosaa taʼa; warri achiin darban hundi ni naʼu; mataa isaaniis ni raasu.
JER 18:17 Akkuma bubbee baʼa biiftuutii dhufuu, ani fuula diinota isaanii duratti isaan nan bittinneessa; bara badiisa isaanii keessa, ani dugda koo malee fuula koo isaanitti hin argisiisu.
JER 18:18 “Jarris, ‘Seerri luba biraa, gorsi ogeeyyii biraa, dubbiin immoo raajota biraa waan hin dhabamneef kottaa Ermiyaasitti mariʼannaa; kanaafuu kottaa nu arraba keenyaan isa miinaa; waan inni dubbatu kam iyyuus hin fudhannu’ ” jedhan.
JER 18:19 Yaa Waaqayyo, na dhaggeeffadhu; waan warri na himatan jedhanis dhagaʼi!
JER 18:20 Gatiin waan gaarii waan hamaadhaa? Isaan garuu boolla anaaf qotaniiru. Ani akkan dheekkamsa kee isaan irraa deebisuuf fuula kee dura dhaabadhee iddoo isaanii buʼee dubbadhe yaadadhu.
JER 18:21 Kanaafuu ati ijoollee isaanii dabarsii beelatti kenni; jara immoo dabarsii humna goraadeetti kenni. Niitota isaanii jalaa ijoollee fi dhirsoonni haa dhuman; dhiironni isaanii haa ajjeefaman; dargaggoonni isaanii immoo lola keessatti goraadeedhaan haa qalaman.
JER 18:22 Yeroo ati akkuma tasaa weeraartoota isaanitti fiddutti, iyyi mana isaaniitii haa dhagaʼamu; isaan na qabuuf boolla qotanii, miilla kootiifis kiyyoo kaaʼaniiruutii.
JER 18:23 Yaa Waaqayyo, ati garuu mala isaan na ajjeesuuf malatan hunda ni beekta. Yakka isaanii hin dhiisiniif; yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqin. Isaan fuula kee duratti lafatti haa gataman; yeroo dheekkamtuttis isaan adabi.
JER 19:1 Waaqayyo akkana jedha; “Dhaqiitii suphee dhooftuu irraa okkotee suphee bitadhu. Maanguddoota sabaatii fi luboota keessaa namoota muraasa fudhadhuutii,
JER 19:2 gara Sulula Ben Hinoomitti kan balbala karra qiraacii biraa sana dhaqi. Achittis dubbii ani sitti himu labsi;
JER 19:3 akkanas jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaatii fi saba Yerusaalem dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani balaa gurra nama waan sana dhagaʼu hundatti hin tolle tokko iddoo kanatti nan fida.
JER 19:4 Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru.
JER 19:5 Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha.
JER 19:6 Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha Waaqayyo.
JER 19:7 “ ‘Ani iddoo kanatti karoora Yihuudaatii fi karoora Yerusaalem nan diiga; akka isaan fuula diinota isaanii duratti, harka warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadaniitti goraadeedhaan dhuman nan godha; reeffa isaanii immoo allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata godhee nan kenna.
JER 19:8 Ani magaalaa kana onsee waan sodaa fi qoosaa nan godha; kan achiin darbu hundi sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
JER 19:9 Ani akka isaan foon ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii nyaatan nan godha; isaanis yeroo diinonni isaanii kanneen lubbuu isaanii galaafachuu barbaadan sun marsanii isaan dhiphisanitti foon walii isaanii nyaatu.’
JER 19:10 “Ergasii okkotee sana fuula warra si wajjin deemanii duratti cabsiitii
JER 19:11 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Akkuma okkoteen suphee dhooftuu kun erga caccabee booddee deebiʼee haaromfamuu hin dandeenye sana ani saba kanaa fi magaalaa kana nan caccabsa; sababii iddoon itti nama awwaalan biraa hin jirreef namoonni Toofetitti reeffa awwaalu.
JER 19:12 Ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti waan kana nan fida, jedha Waaqayyo. Magaalaa kanas akkuma Toofet nan godha.
JER 19:13 Manneen Yerusaalem keessaatii fi manneen mootota Yihuudaa jechuunis manneen jarri bantii isaanii irratti urjiiwwan samii hundaaf ixaana aarsanii waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafatan sun hundi akkuma iddoo Toofet kanaa ni xureeffamu.’ ”
JER 19:14 Ermiyaasis ergasii Toofet iddoo Waaqayyo akka inni achitti raajii dubbatuuf itti isa erge sanaa deebiʼee oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa dhaabatee saba hundaan akkana jedhe;
JER 19:15 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Mee dhaggeeffadhaa! Sababii isaan mata jabeeyyii taʼanii dubbii koo dhagaʼuu didaniif balaa ani isaanitti labsee ture hunda magaalaa kanaa fi gandoota naannoo ishee jiranitti nan fida.’ ”
JER 20:1 Phaashihuur lubichi, ilmi Imeerii inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti bulchaa hangafa ture sun yommuu Ermiyaasii waan kana raaju dhagaʼetti,
JER 20:2 akka Ermiyaas raajichi tumamee Karra Beniyaam isa ol aanu kan mana Waaqayyoo biratti argamu sana keessatti miilli isaa jirma lama gidduu galee hidhamu godhe.
JER 20:3 Ermiyaasis guyyaa itti aanu yeroo Phaashihuur jirma lamaan gidduudhaa isa baasetti akkana jedheen; “Maqaan Waaqayyo siif baase Maagormiisaabiib malee Phaashihuur miti.
JER 20:4 Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Ani akka ati ofii keetii fi michoota keetti sodaachisaa taatu sin godha; yeroo isaan goraadee diinota isaaniitiin dhuman ijuma keetiin argita. Ani Yihuudaa hunda dabarsee mootii Baabiloniitti nan kenna; innis Baabilonitti isaan geessa yookaan goraadeedhaan isaan fixa.
JER 20:5 Ani qabeenya magaalaa kanaa hunda jechuunis oomisha ishee hunda, waan gatii guddaa qabu hundaa fi badhaadhummaa mootota Yihuudaa hunda dabarsee diinota isaaniitti nan kenna. Isaanis boojiʼanii fudhatanii Baabilonitti isaan geessan.
JER 20:6 Yaa Phaashihuur ati, warri mana kee jiraatan hundis boojiʼamtanii Baabilonitti geeffamtu. Atii fi michoota kee warri ati raajii sobaa dubbatteef hundi achitti duutanii awwaalamtu.’ ”
JER 20:7 Yaa Waaqayyo, ati na gowwoomsite; anis nan gowwoomfame; ati humnaan na caaltee na moʼatte. Ani guyyaa guutuu waan kolfaa nan taʼe; namni hundis natti qoosa.
JER 20:8 Ani yeroon dubbadhu hunda nan iyya; “Goolii, badiisa” jedhees nan labsa. Kanaafuu dubbiin Waaqayyo guyyaa guutuu arrabsoo fi tuffii natti fide.
JER 20:9 Garuu yoo ani, “Ani maqaa isaa hin dhaʼu yookaan siʼachi maqaa isaatiin hin dubbadhu” jedhe, dubbiin isaa onnee koo keessatti akka ibiddaa, akkuma ibidda lafee koo keessatti ukkaamsameera. Ani of keessatti isa qabachuu nan dadhabe; dhuguma iyyuu ani hin dandaʼu.
JER 20:10 Ani hasaasa, “Karaa hundaan sodaa! Isa balaaleffadhaa! Isa haa balaaleffannu!” jedhu hedduu nan dhagaʼa. Michoonni koo hundi, “Inni ni gowwoomfama taʼa; nus ergasii isa ni moʼanna; haaloo keenya illee ni baafanna” jechaa kufaatii koo eeggatu.
JER 20:11 Waaqayyo garuu akkuma goota humna qabeessa tokkootti na wajjin jira; kanaafuu warri na adamsan ni gufatu malee hin moʼatan. Isaan baayʼee qaaneffaman; hin milkaaʼaniitii; salphinni isaanii gonkumaa hin irraanfatamu.
JER 20:12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, kan nama qajeelaa qortu, kan garaa fi yaada namaa keessa argitu, ani falmii koo sitti kennadheeraatii ati yeroo isaanitti haaloo baatu na argisiisi.
JER 20:13 Waaqayyoof faarfadhaa! Waaqayyoon galateeffadhaa! Inni lubbuu namoota hiyyeeyyii harka hamootaatii ni baasa.
JER 20:14 Guyyaan ani dhaladhe haa abaaramu! Guyyaan haati koo na deesse sunis hin eebbifamin!
JER 20:15 Namichi, “Daaʼimni tokko jechuunis ilmi siif dhalatee jira!” jedhee abbaa kootiif oduu fidee akka malee isa gammachiise sun haa abaaramu!
JER 20:16 Namichi sun akkuma magaalaawwan Waaqayyo gara laafina malee garagalchee haa taʼu. Inni ganamaan wawwaannaa, saafaan immoo iyya waraanaa haa dhagaʼu.
JER 20:17 Akka haati koo awwaala naa taatuuf, akka gadameessi ishees iddoo jireenya bara baraa naaf taʼuuf inni utuu ani gadameessa keessaa hin baʼin na hin ajjeefneetii.
JER 20:18 Ani maaliifan rakkinaa fi gadda arguuf jireenya koos qaaniin fixuuf gadameessa keessaa baʼe?
JER 21:1 Yeroo Zedeqiyaa Mootichi Phaashihuur ilma Malkiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaasitti ergetti dubbiin akkana jedhu Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Jarri ergamanis akkana jedhan;
JER 21:2 “Sababii Nebukadnezar mootichi Baabilon nu waraanaa jiruuf Waaqayyoon nuu gaafadhu. Tarii Waaqayyo akkuma duraan godhe sana hojiiwwan dinqii nuuf hojjetee akka mootichi nurraa deebiʼu ni godha taʼaatii.”
JER 21:3 Ermiyaas garuu akkana isaaniin jedhe; “Zedeqiyaadhaan akkana jedhaa;
JER 21:4 ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani miʼoota waraanaa harka keessan jiran, kanneen isin ittiin mootii Baabilonii fi Baabilonota isin marsanii dallaan ala jiran loluuf itti fayyadamtan kana isinitti nan garagalcha. Anis magaalaa kana keessatti isaan walitti nan qaba.
JER 21:5 Ani mataan koo harka diriirfamee fi irree jabaadhaan, aarii bobaʼuu fi dheekkamsa guddaadhaan waraana isinitti nan bana.
JER 21:6 Ani waan magaalaa kana keessa jiraatu jechuunis namaa fi horii nan dhaʼa; isaanis dhaʼicha hamaadhaan dhumu.
JER 21:7 Anis ergasii, jedha Waaqayyo, Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi jiraattota magaalaa kanaa kanneen dhaʼicha jalaa, goraadee fi beela jalaa baʼan Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi diinota isaanii kanneen lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti dabarsee nan kenna. Mootichis goraadeedhaan isaan fixa; inni isaaniif hin hilu yookaan hin naʼuuf yookaan garaa hin laafuuf.’
JER 21:8 “Amma illee akkana jedhii saba kanatti himi; Waaqayyo akkana jedha: ‘kunoo, ani karaa jireenyaatii fi karaa duʼaa fuula keessan dura nan kaaʼa.
JER 21:9 Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeedhaan, beelaan yookaan dhaʼichaan duʼa. Namni gad baʼee Baabilonota isin marsanii jiranitti harka kennatu kam iyyuu garuu ni jiraata; lubbuu isaas ni oolfata.
JER 21:10 Ani magaalaa kanaaf waan gaarii gochuuf utuu hin taʼin ishee miidhuuf kutadheera, jedha Waaqayyo. Isheenis dabarfamtee harka mootii Baabilonitti ni kennamti; inni immoo ibiddaan ishee barbadeessa.’
JER 21:11 “Akkasumas mana mootii Yihuudaatiin akkana jedhi; ‘Isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa;
JER 21:12 Yaa mana Daawit, Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Ganama hunda murtii qajeelaa kennaa; nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa; yoo kanaa achii sababii jalʼina isin hojjettaniitiif dheekkamsi koo buʼee akkuma ibiddaa bobaʼa; namni isa dhaamsu tokko iyyuu hin jiraatu.
JER 21:13 Yaa ishee sulula kanaan ol dirree kattaa qabu irra jiraattu, ani sitti kaʼeen jira, jedha Waaqayyo; isin warri, “Eenyuttu nutti dhufuu dandaʼa? Eenyutus daʼannoo keenya seenuu dandaʼa?” jettan,
JER 21:14 ani akkuma hojii keessaniif malutti isinan adaba, jedha Waaqayyo. Ani ibidda waan naannoo keessan jiru hunda barbadeessu bosona keessanitti nan qabsiisa.’ ”
JER 22:1 Waaqayyo akkana jedha: “Gara masaraa Mootii Yihuudaatti gad buʼiitii akkana jedhii ergaa kana achitti labsi;
JER 22:2 ‘Yaa Mootii Yihuudaa, ati kan teessoo Daawit irra teessu, ati, qondaaltonni keetii fi sabni kee warri karra kanaan ol galtan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
JER 22:3 Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.
JER 22:4 Yoo isin ajajawwan kanneen sirriitti eegdan mootonni teessoo Daawit irra taaʼan, qondaaltotaa fi saba isaanii wajjin gaarii moototaatii fi fardeen yaabbatanii karrawwan masaraa mootummaa kanaan ol galu.
JER 22:5 Yoo isin ajajawwan kanneen eeguu baattan garuu akka masaraan mootummaa kun barbadeeffamu ani maqaa kootiin kakadheera, jedha Waaqayyo.’ ”
JER 22:6 Waaqayyo waaʼee masaraa mootii Yihuudaa akkana jedhaatii: “Ati akka Giliʼaad, akka fiixee Libaanoon naaf taate iyyuu, ani dhugumaan akka gammoojjii, akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee sin taasisa.
JER 22:7 Ani balleessitoota tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa qabatan, sitti nan erga; isaanis birbirsa kee filatamaa ni ciru; ibiddattis ni naqu.
JER 22:8 “Namoonni biyya hedduus yommuu magaalaa kana biraan darbanitti, ‘Waaqayyo maaliif magaalaa guddaa kanatti waan akkanaa fide?’ jedhanii wal gaafatu.
JER 22:9 Isaanis, ‘Sababii isaan kakuu Waaqayyo Waaqa isaanii dhiisanii waaqota biraa waaqeffatanii tajaajilaniifii dha’ jedhanii deebisu.”
JER 22:10 Isin nama duʼeef hin booʼinaa yookaan hin gaddinaa; qooda kanaa nama boojiʼameef hiqqifadhaa booʼaa; inni lammata hin deebiʼu yookaan biyya itti dhalate hin arguutii.
JER 22:11 Waaqayyo waaʼee Shaluum ilma Yosiyaas kan qooda abbaa isaa mootii Yihuudaa taʼee garuu iddoo kanaa deeme sanaa akkana jedhaatii: “Inni gonkumaa hin deebiʼu.
JER 22:12 Inni iddoo boojiʼamee itti geeffame sanatti duʼa; biyya kanas lammaffaa hin argu.”
JER 22:13 “Nama ollaa isaa utuu gatii humna isaa hin kenniniif akkasumaan hojjechiifachuudhaan mana isaa karaa qajeelaa hin taʼiniin, kutaa isaa kan mana gubbaa immoo karaa sirrii hin taʼiniin ijaarratuuf wayyoo.
JER 22:14 Inni, ‘Ani masaraa guddaa tokko, kutaa mana gubbaa balʼaa isaa wajjin ofii kootiif nan ijaarradha’ jedha. Kanaafuu inni foddaawwan itti baasee muka birbirsaatiin bareechee halluu diimaadhaan miidhagsa.
JER 22:15 “Birbirsa hedduu qabaachuun kee mootii si taasisaa? Abbaan kee nyaataa dhugaatii hin qabu turee? Inni waan qajeelaa fi haqa hojjete; kanaafuu wanni hundinuu ni qajeeleef.
JER 22:16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme; kanaafuu wanni hundi ni qajeeleef. Na beekuu jechuun kanuma mitii?” jedha Waaqayyo.
JER 22:17 Iji keetii fi garaan kee garuu buʼaa karaa hin maliniin argamu irra, dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu irra, cunqursaa fi goolii kaasuu qofa irra buʼeera.
JER 22:18 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa, ilma Yosiyaas akkana jedha: “Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa obboleessa koo! Anaaf wayyoo, yaa obboleettii koo!’ jedhanii hin booʼaniif. Isaan, ‘Anaaf wayyoo, yaa gooftaa koo! Anaaf wayyoo yaa ulfina isaa!’ jedhanii hin booʼaniif.
JER 22:19 Inni awwaala harree argata, jechuunis lafa irra harkifamee karrawwan Yerusaalem keessaa gad baafamee gatama.”
JER 22:20 “Libaanoonitti ol baʼii iyyi; sagaleen kee Baashaan keessatti haa dhagaʼamu; Abaariim keessaas iyyi; michoonni kee hundi barbadeeffamaniiruutii.
JER 22:21 Ani yeroo ati nagaa qabdutti si akeekkachiiseen ture; ati garuu, ‘Ani hin dhaggeeffadhu!’ jette. Kun ijoollummaa keetii jalqabee amala kee ture; ati naaf hin ajajamne.
JER 22:22 Tiksoota kee hunda bubbeen fudhatee sokka; michoonni kees ni boojiʼamu. Sababii hammina kee hundaatiif ati ni qaanofta; ni salphattas.
JER 22:23 Ati kan Libaanoon keessa jiraattu, kan muka birbirsaatiin mana ijaarrattu, yeroo dhiphinni si qabee akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoo miixattutti ati akkam aadda!
JER 22:24 “Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe” jedha Waaqayyo; “Yaa Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa, ilma Yehooyaaqiim, yoo ati qubeelaa chaappaa harka koo mirgaa taatee illee ani baaseen si gata.
JER 22:25 Ani warra lubbuu kee galaafachuu barbaadanitti, warra ati sodaattu jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi Baabilonotatti dabarsee sin kenna.
JER 22:26 Ani siʼii fi haadha si deesse biyya biraatti, biyya tokkoon keessan iyyuu itti hin dhalatinitti isin nan darbadhaa; isin lachuu achitti duutu.
JER 22:27 Isin biyya itti deebiʼuu hawwitanitti gonkumaa hin deebitan.”
JER 22:28 Yehooyaakiin kun nama akkuma okkotee cabaa tuffatame, miʼa namni tokko iyyuu hin barbaanneedhaa? Ijoolleen isaatii fi inni maaliif darbatamanii biyya hin beeknetti gatamani?
JER 22:29 Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa, dubbii Waaqayyoo dhagaʼi!
JER 22:30 Waaqayyo akkana jedha: “Namicha kana akka nama ijoollee hin qabne tokkootti, akka nama bara jireenya isaa keessa hin milkoofne tokkootti galmeessaa; sanyii isaa keessaa namni tokko iyyuu hin milkaaʼu, namni tokko iyyuu teessoo Daawit irra hin taaʼu, yookaan siʼachi Yihuudaa hin bulchuutii.”
JER 23:1 “Tiksoota hoolota karra koo balleessanii bittinneessiniif wayyoo!” jedha Waaqayyo.
JER 23:2 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel tiksoota saba koo tiksaniin akkana jedha: “Waan isin bushaayee koo bittinneessitanii ariitanii fi eegumsa barbaachisu isaaniif hin godhiniif ani kunoo hammina isin hojjettaniif adabbii isinittin fida” jedha Waaqayyo.
JER 23:3 “Ani mataan koo hambaa bushaayee kootii biyyoota ani itti isaan ariʼee ture hunda keessaa walitti qabee karra isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti ni horu; ni baayʼatus.
JER 23:4 Anis tiksoota isaan tiksan isaaniif nan ramada; isaanis siʼachi hin sodaatan; yookaan hin rifatan, yookaan isaan keessaa tokko iyyuu hin badu” jedha Waaqayyo.
JER 23:5 “Barri ani itti Daawitiif damee qajeelaa tokko, mootii ogummaadhaan bulchuu fi waan sirrii fi qajeelaa taʼe biyya kana keessatti hojjetu tokko kaasu ni dhufa” jedha Waaqayyo.
JER 23:6 Bara isaa keessa Yihuudaan ni fayya; Israaʼelis nagaan jiraata; maqaan inni ittiin waamamus: Waaqayyo Qajeelummaa Keenya jedhama.
JER 23:7 “Kanaafuu barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼeloota Gibxii baasee fide sanaa’ hin jenne tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo;
JER 23:8 “Isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya Kaabaatii fi biyyoota itti isaan ariʼee ture hunda keessaa sanyiiwwan Israaʼel baasee fide sanaa’ jedhu. Ergasiis isaan biyya ofii isaanii keessa ni jiraatu.”
JER 23:9 Waaʼee raajotaa, onneen koo na keessatti cabeera, lafeen koo hundi ni hollata; sababii Waaqayyootii fi sababii dubbii isaa qulqulluu sanaatiif ani akkuma nama machaaʼee akka nama daadhii wayiniitiin moʼatamee nan taʼe.
JER 23:10 Biyyattiin ejjitootaan guutamteerti, sababii abaarsaatiif biyyattiin ni boossi; kaloon gammoojjii keessaas ni goga. Raajonni karaa hamaa duukaa buʼu; aangoo isaaniittis karaa malee fayyadamu.
JER 23:11 “Raajonnis, lubnis Waaqaaf hin bulan; ani mana koo keessatti iyyuu hammina isaanii argeera” jedha Waaqayyo.
JER 23:12 “Kanaafuu karaan isaanii mucuca taʼa; isaan dukkanatti gad darbatamu; achittis ni kufu. Bara isaan adabaman keessa, ani badiisa isaanitti nan fida” jedha Waaqayyo.
JER 23:13 “Raajota Samaariyaa gidduutti, ani waan jibbisiisaa kana argeera: Isaan maqaa Baʼaaliin raajanii saba koo Israaʼelin karaa irraa jalʼisan.
JER 23:14 Raajota Yerusaalem gidduutti ani waan nama suukaneessu tokko argeera; isaan ni ejju; sobaan jiraatus. Akka namni tokko iyyuu hammina isaa irraa hin deebineef isaan harka jalʼootaa jajjabeessu. Isaan hundi anaaf akkuma Sodoom; sabni Yerusaalem immoo akkuma Gomoraa ti.”
JER 23:15 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaʼee raajotaa akkana jedha: “Sababii raajota Yerusaalemiif, waan xuraaʼummaan biyyattii keessa guuteef ani akka isaan nyaata hadhaaʼaa nyaatanii bishaan summaaʼes dhugan nan godha.”
JER 23:16 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Waan raajonni isinii raajan hin dhaggeeffatinaa; isaan abdii sobaatiin isin guutu. Isaan utuu afaan Waaqayyootii hin taʼin mulʼata yaada ofii isaanii dubbatu; yaada isaanii keessaa fuudhanii mulʼata dubbatu.
JER 23:17 Isaan ittuma fufanii warra na tuffataniin, ‘Waaqayyo akkana jedha: isin nagaa ni qabaattu’ jedhu. Warra mata jabina yaada ofii isaanii duukaa buʼan hundaan immoo, ‘Hamaan isin hin argatu’ jedhu.
JER 23:18 Garuu isaan keessaa namni dubbii isaa arguuf yookaan dhagaʼuuf waldaa Waaqayyoo keessa dhaabate eenyu? Namni dubbii isaatiif gurra kennee dhagaʼe eenyu?
JER 23:19 Kunoo bubbeen Waaqayyoo, dheekkamsaan ni buʼa; bubbeen hamaanis mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
JER 23:20 Dheekkamsi Waaqayyoo hamma inni kaayyoo yaada garaa isaa guutumaan guutuutti raawwatutti duubatti hin deebiʼu. Isin bara dhumaa keessa waan kana akka gaariitti ni hubattu.
JER 23:21 Ani raajota kanneen hin ergine; isaan garuu ergaa ofii isaanii qabatanii fiiganiiru; ani isaanitti hin dubbanne; isaan garuu raajii dubbataniiru.
JER 23:22 Isaan utuu waldaa koo keessa dhaabatanii jiraatanii silaa dubbii koo saba kootti labsanii, karaa isaanii jalʼaa sanaa fi hojii isaanii hamaa sana irraa isaan deebisu ture.
JER 23:23 “Ani Waaqa fagootis malee Waaqa dhiʼoo qofaa?” jedha Waaqayyo.
JER 23:24 “Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?” jedha Waaqayyo. “Ani samii fi lafa illee nan guuta mitii?” jedha Waaqayyo.
JER 23:25 “Ani waan raajonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu.
JER 23:26 Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa raajota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata?
JER 23:27 Raajonni kunneen abjuu walitti odeessaniin akka sabni koos akkuma abbootiin isaanii Baʼaalin waaqeffachuudhaan maqaa koo irraanfatanii turan sana maqaa koo irraanfachiisuu yaadu.
JER 23:28 Raajiin abjuu qabu abjuu isaa haa dubbatu; namni dubbii koo qabu immoo amanamummaadhaan haa dubbatu. Cidiin midhaan irraa maal qaba?” jedha Waaqayyo.
JER 23:29 “Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha Waaqayyo.
JER 23:30 “Kanaafuu ani kunoo raajota dubbii koo wal irraa hatan sanaan nan morma” jedha Waaqayyo.
JER 23:31 “Kunoo ani raajota afaanuma isaaniitiin, ‘Waaqayyo akkana jedha’ jedhaniin nan morma” jedha Waaqayyo.
JER 23:32 “Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma” jedha Waaqayyo, “Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan” jedha Waaqayyo.
JER 23:33 “Yoo sabni kun yookaan raajiin tokko yookaan lubni tokko, ‘Baʼaan Waaqayyoo maal?’ jedhee si gaafatutti, ati immoo, ‘Baʼaa maalii? Ani sin gata jedha Waaqayyo’ jedhiin.
JER 23:34 Yoo raajiin tokko yookaan lubni tokko yookaan namni kam iyyuu, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha,’ jedhe, ani nama sanaa fi warra mana isaa jiraatan nan adaba.
JER 23:35 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaatiin yookaan fira isaatiin, ‘Deebiin Waaqayyo kenne maali?’ Yookaan, ‘Waaqayyo maal dubbata?’ jechuu qaba.
JER 23:36 Egaa isin lammata, ‘Baʼaa Waaqayyoo,’ jettanii dubbachuu hin qabdan; dubbiin nama hundaa baʼaa ofii isaa taʼee isin immoo dubbii Waaqa keenyaa, Waaqa jiraataa, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sanaa jalʼistuutii.
JER 23:37 Ati ittuma fuftee raajii tokkoon, ‘Deebiin Waaqayyo siif kenne maali?’ Yookaan ‘Waaqayyo maal dubbate?’ jetta.
JER 23:38 Isin, ‘Baʼaan Waaqayyo kanaa dha’ yoo jettan iyyuu, Waaqayyo akkana jedha; ani ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jechuu hin qabdan isiniin jedhu iyyuu isin jecha, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jedhutti fayyadamtu.
JER 23:39 Kanaafuu ani dhugumaan isin irraanfadhee magaalaa isinii fi abbootii keessaniif kenne wajjin fuula koo duraa isin nan gata.
JER 23:40 Salphina bara baraa jechuunis qaanii bara baraa kan hin irraanfatamnes isinitti nan fida.”
JER 24:1 Erga Nebukadnezar mootichi Baabilon Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa ilma Yehooyaaqiimii fi qondaaltota Yihuudaa, ogeeyyii hojii harkaatii fi tumtuuwwan Yihuudaa boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti geessee booddee Waaqayyo ija harbuu guuboo lama fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo duratti na argisiise.
JER 24:2 Guuboon tokko ija harbuu akka malee gaarii kan ijaa duraan bilchaate fakkaatu qaba ture; guuboon kaan immoo ija harbuu akka malee tortoree, sababii tortoruu isaatiif nyaatamuu hin dandeenye qaba ture.
JER 24:3 Waaqayyos, “Yaa Ermiyaas, ati maal argita?” naan jedhe. Anis, “Ija harbuu nan arga; ija gaariin akka malee gaarii dha; inni tortoraan immoo sababii akka malee tortoreef nyaatamuu hin dandaʼu” jedheen deebise.
JER 24:4 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
JER 24:5 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani boojiʼamtoota Yihuudaa warra ani iddoo kanaa baasee biyya Baabilonotaatti erge sana akkuma ija gaarii kanaatti ija gaariin nan ilaala.
JER 24:6 Ani faayidaa isaaniitiif ija koo isaan irra buufadhee biyya kanatti deebisee isaan nan fida; ani isaanan ijaara malee isaan hin diigu; ani isaanan dhaaba malee isaan hin buqqisu.
JER 24:7 Ani akka isaan akka ani Waaqayyo isaanii taʼe beekaniif qalbii nan kennaaf. Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa; isaan garaa guutuudhaan gara kootti ni deebiʼuutii.
JER 24:8 “ ‘Waaqayyo akkana jedha; ani garuu Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi hambaawwan Yerusaalem kanneen biyya kana keessatti hafanii fi warra Gibxi keessa jiraatan akkuma ija harbuu kan waan akka malee tortoreef namni nyaachuu hin dandeenye sanaatti nan dhiisa.
JER 24:9 Ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti balfamoo fi jibbamoo isaan nan godha; iddoo ani itti isaan bittinneessu hundattis tuffatamoo, waan kolfaa, waan qoosaatii fi waan abaarsaa isaan nan godha.
JER 24:10 Ani hamma isaan biyya ani isaanii fi abbootii isaaniitiif kenne irraa barbadaaʼanitti goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga.’ ”
JER 25:1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessaa waggaa afuraffaatti jechuunis bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti dubbiin waaʼee saba Yihuudaa hundaatiif gara Ermiyaas dhufe kanaa dha.
JER 25:2 Kanaafuu Ermiyaas raajichi saba Yihuudaa hundaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundaan akkana jedhe:
JER 25:3 Waggaa kudha sadaffaa bara mootummaa Yosiyaas ilma Aamoon mooticha Yihuudaatii jalqabee hamma guyyaa harʼaatti jechuunis waggaa digdamii sadii guutuu dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufeera; anis irra deddeebiʼee isinitti himeera; isin garuu hin dhaggeeffanne.
JER 25:4 Yoo Waaqayyo raajota isaa tajaajiltoota hunda ammumaa amma isinitti erge iyyuu, isin hin dhaggeeffanne yookaan xiyyeeffannaa tokko iyyuu hin kennineef.
JER 25:5 Isaanis akkana jedhan; “Egaa tokkoon tokkoon keessan karaa keessan jalʼaa fi hojii keessan hamaa sana irraa deebiʼaa; yoos isin biyya Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif bara baraan kenne keessa jiraachuu ni dandeessu.
JER 25:6 Isaan tajaajiluu fi isaan waaqeffachuuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na hin kakaasinaa. Yoos ani isin hin miidhu.”
JER 25:7 “Isin garuu na hin dhaggeeffanne; waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftan; mataa keessanittis miidhaa fiddan” jedha Waaqayyo.
JER 25:8 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhe: “Sababii isin dubbii kootiif hin ajajaminiif,
JER 25:9 ani saboota biyya kaabaa hundaa fi garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabilon walitti qabee biyya kanatti, jiraattota isheettii fi saboota naannoo ishee jiraatan hundatti nan kaasa; guutumaan guutuutti isaan nan balleessa; waan qaanii, waan tuffiitii fi waan bara baraan one isaan nan godha” jedha Waaqayyo.
JER 25:10 “Ani sagalee ililleetii fi gammachuu, sagalee misirrittiitii fi misirrichaa sagalee dhagaa daakuutii fi ifa ibsaa isaan keessaa nan balleessa.
JER 25:11 Biyyi kun guutuun barbadooftee onti; saboonni kunneenis waggaa torbaatama mooticha Baabiloniitiif garboomu.
JER 25:12 “Garuu erga waggaan torbaatamni sun dhumee booddee ani mooticha Baabiloniitii fi saba isaa, biyya Baabilonotaas sababii yakka isaaniitiif nan adaba; biyyattiis bara baraan nan onsa” jedha Waaqayyo.
JER 25:13 “Ani waanan biyyattii irratti dubbadhe hunda, waan kitaaba kana keessatti barreeffamee fi waan Ermiyaas saboota hundatti raajii dubbate hunda biyya sanatti nan fida.
JER 25:14 Isaan mataan isaanii iyyuu saboota hedduu fi mootota gurguddoof ni garboomu; anis akkuma hojii isaaniittii fi akkuma hojii harka isaaniitti gatii isaaniif malu nan kennaaf.”
JER 25:15 Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana naan jedhe: “Xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa kootiitiin guutame kana ana harkaa fuudhiitii saboota ani itti si ergu hunda obaasi.
JER 25:16 Isaanis yeroo isa dhuganitti ni gatantaru; sababii goraadee ani isaan gidduutti ergu sanaatiifis ni maraatu.”
JER 25:17 Kanaafuu ani xoofoo sana harka Waaqayyootii fuudhee akka saboonni inni itti na erge hundi dhugan nan godhe:
JER 25:18 Kunis akka Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa, mootonnii fi qondaaltonni ishee akkuma harʼa taʼanii jiran kana barbadeeffamanii waan salphinaa, waan tuffiitii fi waan abaarsaa taʼaniifii dha;
JER 25:19 Faraʼoon mootichi Gibxi, tajaajiltoonni isaa, qondaaltonni isaatii fi sabni isaa hundi,
JER 25:20 namoonni biyya ormaa kanneen achi jiran hundi, mootonni Uuzi hundi, mootonni Filisxeemotaa hundi jechuunis warri Eqroon, warri Gaazaa, warri Ashqaloonii fi sabni Ashdooditti hafee hundi,
JER 25:21 Edoom, Moʼaabii fi Amoon,
JER 25:22 mootonni Xiiroosii fi Siidoonaa hundi, mootonni biyyoota qarqara galaanaa warri galaana gama jiraatan,
JER 25:23 Dedaan, Teemaan, Buuzii fi warri biyya fagoo jiraatan hundi,
JER 25:24 mootonni Arabaa hundii fi mootonni Namoota Ormaa kanneen gammoojjii keessa jiraatan hundi,
JER 25:25 mootonni Zimrii, kan Eelaamii fi kan Meedee hundi,
JER 25:26 mootonni biyyoota Kaabaa kanneen dhiʼoo fi fagoo, wal duraa duubaan jechuunis mootonni lafa irra jiran hundi daadhii sana dhuganiiru. Hunda isaanii booddee immoo mootiin Sheeshaakiis ni dhuga.
JER 25:27 “Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel sun akkana jedha: Sababii goraadee ani isin gidduutti erguu sanaatiifis dhugaa, machaaʼaa, hoqqisaa; akka lammata ol hin kaaneefis kukkufaa.’
JER 25:28 Yoo isaan xoofoo kana si harkaa fuudhanii dhuguu didan garuu akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Isin dhuguu qabdu!
JER 25:29 Kunoo, ani magaalaa Maqaa kootiin waamamutti balaa buusuu jalqabeera; isin immoo utuu hin adabamin haftuu ree? Isin utuu hin adabamin hin haftan; ani warra lafa irra jiraatan hundatti goraadee nan waamaatii, jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.’
JER 25:30 “Kanaafuu dubbii kana hunda isaanitti raajiitii akkana jedhiin: “ ‘Waaqayyo ol gubbaadhaa guunguma; iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa qaqawweessaʼee biyya isaattis guddisee ni guunguma. Inni akkuma warra ija wayinii dhidhiitaniitti warra lafa irra jiraatan hundatti ni lallaba.
JER 25:31 Wacni hamma daarii lafaatti ni dhagaʼama; Waaqayyo sabootatti ni muraatii; inni sanyii namaa hundatti murtii fida; hamoota immoo goraadeedhaan fixa’ ” jedha Waaqayyo.
JER 25:32 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ilaa! Sabaa gara sabaatti balaan babalʼachaa jira; bubbeen hamaan jabaan tokko daarii lafaatii kaʼaa jira.”
JER 25:33 Gaafas warri Waaqayyo fixe handaara lafaa tokkoo hamma kaaniitti firfirfamanii argamu. Isaan akkuma kosii lafatti gatamu malee booʼicha hin argatan yookaan walitti hin qabaman yookaan hin awwaalaman.
JER 25:34 Yaa tiksoota, booʼaa, wawwaadhaas; eegdonni bushaayees daaraa irra gangaladhaa. Yeroon isin itti gorraʼamtan dhufeeraatii; isin kuftanii akkuma miʼa suphee miidhagaa caccabdu.
JER 25:35 Tiksoonni iddoo itti baqatan, eegdonni bushaayee immoo iddoo itti miliqan hin qaban.
JER 25:36 Iyya tiksootaatii fi wawwaannaa eegdota bushaayee dhagaʼaa! Waaqayyo lafa dheeda isaanii balleessaa jiraatii.
JER 25:37 Sababii dheekkamsa Waaqayyoo jabaa sanaatiif, lafti nagaa qabu ni ona.
JER 25:38 Sababii goraadee cunqursitootaatii fi sababii dheekkamsa Waaqayyoo hamaa sanaatiif, inni akkuma leencaa manʼee isaatii ni baʼa; biyyi isaaniis ni onti.
JER 26:1 Jalqaba bara mootummaa Yehooyaaqiim ilma Yosiyaas mooticha Yihuudaa sanaatti dubbiin kun Waaqayyo biraa dhufe:
JER 26:2 “Waaqayyo akkana jedha: Oobdii mana Waaqayyoo keessa dhaabadhuutii namoota magaalaawwan Yihuudaa keessaa baʼanii mana Waaqayyoo keessatti waaqeffachuu dhufan hundatti dubbadhu. Waan ani si ajaju hunda itti himi; jecha tokko illee hin hambisin.
JER 26:3 Tarii isaan dhagaʼanii tokkoon tokkoon namaa karaa isaa hamaa sana irraa ni deebiʼa taʼa. Anis gaabbee badiisa sababii hammina isaaniitiif isaanitti fiduuf yaadaa ture sana nan hambisa.
JER 26:4 Atis akkana jedhiin; Waaqayyo akkana jedha; ‘Yoo isin na dhagaʼuu diddanii, seera koo kan ani fuula keessan dura kaaʼe sana duukaa buʼuu baattan,
JER 26:5 amma illee yoo isin dubbii tajaajiltoota koo raajota ani utuma isin dhagaʼuu diddanuu ammumaa amma isinitti erge sanaa illee dhaggeeffachuu baattan,
JER 26:6 ani mana kana akkuma Shiiloo, magaalaa kana immoo saboota lafaa hunda keessatti waan abaarsaa nan godha.’ ”
JER 26:7 Luboonni, raajonnii fi sabni hundi Ermiyaasii dubbii kana mana Waaqayyoo keessatti dubbatu dhagaʼan.
JER 26:8 Garuu akkuma Ermiyaas waan Waaqayyo akka inni dubbatuuf isa ajaje hunda namoota hundatti, himee raawwateen luboonni, raajonnii fi namoonni hundi isa qabanii akkana jedhaniin; “Ati duʼuu qabda!
JER 26:9 Ati maaliif akka manni kun akkuma Shiiloo taʼuu fi akka magaalaan kunis onee duwwaa hafu maqaa Waaqayyootiin raajii dubbatta?” Namoonni hundis mana Waaqayyoo keessatti Ermiyaasin marsan.
JER 26:10 Qondaaltonni Yihuudaa yommuu waan kana dhagaʼanitti mana Mootii keessaa gara mana Waaqayyootti ol baʼanii balbala karra Haaraa kan mana Waaqayyoo dura tataaʼan.
JER 26:11 Kana irratti luboonnii fi raajonni sun qondaaltotaa fi namoota hundaan, “Waan namichi kun magaalaa kana irratti raajii dubbateef duuti isatti muramuu qaba. Isin waan kana gurruma keessaniin dhageessaniirtu!” jedhan.
JER 26:12 Ermiyaas qondaaltota hundaa fi namoota hundaan akkana jedhe; “Waaqayyo akka ani waan isin dhageessan kana hunda mana kanaa fi magaalaa kana irratti raajii dubbadhuuf na erge.
JER 26:13 Kanaafuu isin amma karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa; Waaqayyo Waaqa keessaniif illee ajajamaa. Yoos Waaqayyo gaabbee balaa isinitti fiduuf yaade sana ni dhiisa.
JER 26:14 Ani garuu harkuma keessan keessa nan jira; isin tarkaanfii gaarii fi qajeelaa isinitti fakkaate narratti fudhadhaa.
JER 26:15 Garuu isin yoo na ajjeeftan akka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu keessaniin ofitti, magaalaa kanattii fi warra ishee keessa jiraatanitti balaa fiddan beekkadhaa; Waaqayyo dhugumaan akka ani dubbii isin dhageessan kana hunda dubbadhuuf isinitti na ergeeraatii.”
JER 26:16 Kana irratti qondaaltonnii fi namoonni hundi, lubootaa fi raajotaan, “Namicha kanatti duuti muramuu hin qabu! Inni maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin nutti dubbatee jiraa” jedhan.
JER 26:17 Maanguddoota biyyaa keessaas tokko tokko kaʼanii waldaa sabaa guutuudhaan akkana jedhan;
JER 26:18 “Bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa Miikiyaas namni biyya Mooresheet akkana jedhee saba Yihuudaa hundatti raajii dubbate; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “ ‘Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.’
JER 26:19 “Hisqiyaas mootichi Yihuudaa yookaan saba Yihuudaa keessaa namni tokko iyyuu isa ajjeeseeraa? Hisqiyaas Waaqayyoon sodaatee araara isaa hin kadhannee? Waaqayyos gaabbee badiisa isaanitti fiduu yaade sana hin dhiifnee? Nus badiisa hamaa ofitti fiduu geenyeerra!”
JER 26:20 Namni maqaa Waaqayyootiin raajii dubbate kan biraa immoo Uuriyaa ilma Shemaaʼiyaa nama biyya Kiriyaati Yeʼaariim ture; innis akkuma Ermiyaas magaalaa kanaa fi biyya kana irratti raajii dubbate.
JER 26:21 Yommuu Yehooyaaqiim mootichi, ajajjoonnii fi qondaaltonni isaa hundi dubbii Uuriyaa dhagaʼanitti mootichi isa ajjeesisuu barbaade; Uuriyaan garuu waan kana dhageenyaan sodaatee gara Gibxitti baqate.
JER 26:22 Yehooyaaqiim mootichi garuu Elnaataan ilma Akboor namoota biraa wajjin gara Gibxitti erge.
JER 26:23 Isaanis Uuriyaa Gibxii fidanii Yehooyaaqiim mootichatti kennan; mootichis goraadeedhaan isa ajjeese; reeffa isaa immoo iddoo namoonni ulfina hin qabne itti awwaalamanitti gate.
JER 26:24 Ahiiqaam ilmi Shaafaan garuu Ermiyaasin deeggare; kanaafuu Ermiyaas ajjeefamuuf dabarfamee namootatti hin kennamne.
JER 27:1 Jalqaba bara Zedeqiyaa ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa turetti dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe:
JER 27:2 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Teephaa fi danqaraadhaan waanjoo tolchiitii morma keetti kaaʼadhu.
JER 27:3 Ergasii karaa ergamoota Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa bira gara Yerusaalem dhufaniitiin gara mootii Edoom, mootii Moʼaab, mootii Amoon, mootii Xiiroosii fi mootii Siidoonaatti dhaamsa ergi.
JER 27:4 Gooftota isaaniitiif dhaamsa kana dabarsii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; “Waan kana gooftota keessanitti himaa.
JER 27:5 Ani humna koo guddaa fi irree koo diriirfameen lafa, uummata isheetii fi bineensota ishee irra jiraatan uumeera; abbaa fedheef illee nan kenna.
JER 27:6 Ani amma biyyoota keessan hunda harka garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabiloniitti dabarsee nan kenna. Akka bineensonni bosonaa iyyuu isa jalatti bulan nan godha.
JER 27:7 Hamma guyyaan biyya isaa gaʼutti saboonni hundi isa, ilmaan isaatii fi ilmaan ilmaan isaa tajaajilu; ergasii immoo saboonni hedduunii fi mootonni gurguddaan isa garboomfatu.
JER 27:8 “ ‘ “Garuu yoo sabni yookaan mootummaan kam iyyuu Nebukadnezar mooticha Baabilon hin tajaajille yookaan yoo morma isaa waanjoo mootichaatiif gad hin qabanne ani hamman harkuma isaatiin isaan balleessutti saba sana goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba, jedha Waaqayyo.
JER 27:9 Kanaafuu isin raajota keessan, ilaaltota keessan, warra abjuu isiniif hiikan, eker dubbistoota keessanii fi falfaltoota keessan kanneen, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa.
JER 27:10 Isaan akka isin biyya keessan keessaa buqqifamtanii fagaattaniif soba isiniif raaju; anis ariʼee isin nan baasa; isinis ni baddu.
JER 27:11 Garuu yoo sabni kam iyyuu morma isaa waanjoo mootii Baabiloniitiif gad qabatee isa tajaajile, ani akka sabni sun biyya ofii isaa keessatti hafee lafa qotatee achi jiraatu nan dhiisa, jedha Waaqayyo.” ’ ”
JER 27:12 Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti ergaadhuma kana nan hime. Akkanan jedheen; “Morma keessan waanjoo mootii Baabiloniitiif gad qabadhaa; isaa fi saba isaa tajaajilaa; isinis ni jiraattu.
JER 27:13 Atii fi sabni kee maaliif goraadee, beelaa fi dhaʼicha Waaqayyo ittiin saba mootii Baabilon hin tajaajille kam iyyuu sodaachiseen duutu?
JER 27:14 Dubbii raajota, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhanii hin dhagaʼinaa; isaan raajii sobaa isinitti dubbatuutii.
JER 27:15 ‘Ani isaan hin ergine’ jedha Waaqayyo. ‘Jarri maqaa kootiin soba raaju. Kanaafuu ani isinii fi raajota isinii raajan illee ariʼee nan baasa; isinis ni baddu.’ ”
JER 27:16 Anis lubootaa fi namoota kana hundaan akkanan jedhe, “Waaqayyo akkana jedha: raajota, ‘Miʼi mana Waaqayyoo ammuma Baabilonii ni deebifama’ jedhan hin dhagaʼinaa. Isaan soba isiniif raaju.
JER 27:17 Isin jara hin dhaggeeffatinaa. Mootii Baabilon tajaajilaa; ni jiraattuutii. Magaalaan kun maaliif diigamti?
JER 27:18 Isaan yoo raajota taʼanii fi yoo dubbii Waaqayyoo of keessaa qabaatan mee akka miʼi mana Waaqayyoo kan masaraa mootii Yihuudaatii fi Yerusaalem keessatti hafe sun gara Baabilonitti hin fudhatamneef Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu haa kadhatan.
JER 27:19 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaʼee utubootaa, waaʼee miʼa bishaan itti kuusanii, waaʼee baattuuwwaniitii fi waaʼee miʼoota magaalaa kanatti hafan kanneen biraa akkana jedhaatii;
JER 27:20 Nebukadnezar mootiin Baabilon sun gaafa Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sana namoota Yihuudaatii fi Yerusaalem ulfaatoo hunda wajjin Yerusaalemii gara Baabilonitti boojiʼe sana miʼoota kanneen hin fudhanne.
JER 27:21 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee miʼoota mana Waaqayyootii fi masaraa mootii Yihuudaatii fi Yerusaalem keessatti hafanii akkana jedha:
JER 27:22 ‘Isaan Baabilonitti ni geeffamu; hamma guyyaan ani isaaniif dhufu gaʼuttis achuma turu’ jedha Waaqayyo. ‘Ergasii ani deebisee iddoo kanatti isaan nan fida.’ ”
JER 28:1 Jalqaba bulchiinsa mootummaa Zedeqiyaa mootii Yihuudaatti, jiʼa shanaffaa waggaa sanaatti, waggaa afuraffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuri, namni Gibeʼoon sun mana Waaqayyoo keessatti, fuula lubootaatii fi uummata hundaa duratti akkana naan jedhe:
JER 28:2 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa.
JER 28:3 Ani waggaa lama keessatti miʼoota mana Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar mootichi Baabilon asii guuree Baabilonitti geesse hunda iddoo kanatti deebisee nan fida.
JER 28:4 Ani amma illee Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sanaa fi boojiʼamtoota Yihuudaadhaa gara Baabilonitti geeffaman kaan hunda iddoo kanatti deebisee nan fida; ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsaatii’ jedha Waaqayyo.”
JER 28:5 Ermiyaas raajichi fuuluma lubootaatii fi uummata mana Waaqayyoo keessa dhaabachaa turan hundaa duratti akkana jedhee Hanaaniyaa raajichaaf deebii kenne;
JER 28:6 “Ameen! Waaqayyo waan kana haa godhu! Waaqayyo miʼa mana Waaqayyootii fi boojiʼamtoota boojiʼaman hunda Baabilonii iddoo kanatti deebisuudhaan raajii ati dubbatte haa raawwatu.
JER 28:7 Taʼus waan ani utuu atii fi namoonni kun hundi dhageessanuu dubbadhu kana dhagaʼi:
JER 28:8 Raajonni anaa fi siin dura turan bara duriitii jalqabanii akka biyyoota baayʼee fi mootummoota gurguddootti waraanni, badiisnii fi dhaʼichi dhufu raajaniiru.
JER 28:9 Raajiin nagaa raaju garuu yoo raajiin isaa sun fiixaan baʼe qofa akka Waaqayyo biraa ergame beekama.”
JER 28:10 Ergasii Hanaaniyaan raajichi morma Ermiyaas raajichaa irraa waanjoo fuudhee cabse;
JER 28:11 innis fuula nama hundaa duratti akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani waggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezar mooticha Baabilon morma saboota hundaa irraa akkanuma nan cabsa.’ ” Kana irratti Ermiyaas raajichi karaa isaa qabatee qajeele.
JER 28:12 Erga Hanaaniyaan raajichi waanjoo morma Ermiyaas raajichaa irraa cabsee booddee dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 28:13 “Dhaqiitii akkana jedhii Hanaaniyaatti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waanjoo mukaa cabsiteerta; garuu qooda isaa waanjoo sibiilaa ni argatta.
JER 28:14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani akka isaan Nebukadnezar mooticha Baabilon tajaajilan gochuuf morma saboota kana hundaa irra waanjoo sibiilaa nan kaʼaa; isaanis isa ni tajaajilu. Ani bineensa irratti illee ol aantummaa isaaf nan kenna.’ ”
JER 28:15 Ermiyaas raajichis Hanaaniyaa raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa dhagaʼi! Waaqayyo si hin ergine; ati garuu akka sabni kun sobaa abdatu gooteerta.
JER 28:16 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani lafa irraa sin balleessa; ati waan Waaqayyo irratti fincila lallabdeef baruma kana duuta.’ ”
JER 28:17 Hanaaniyaa raajichis wagguma sana keessa jiʼa torbaffaatti duʼe.
JER 29:1 Dubbiin xalayaa kan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara maanguddoota namoota boojiʼaman gidduutti hafaniittii fi lubootatti, raajotattii fi warra Nebukadnezar Yerusaalemii boojiʼee Baabilonitti geesse kaan hundatti erge sanaa kanaa dha.
JER 29:2 Kunis erga Yehooyaakiin mootichii fi haati isaa mootittiin, xuʼaashiiwwan, dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, ogeeyyii hojii mukaatii fi tumtuuwwan Yerusaalemii boojiʼamanii deemanii booddee taʼe.
JER 29:3 Innis xalayaa sana harka Eleʼaasaa ilma Shaafaaniittii fi Gemaariyaa ilma Hilqiyaa warra Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti erge sanaatti kenne. Xalayaan sunis akkana jedha:
JER 29:4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel warra boojuudhaan Yerusaalemii gara Baabilonitti geeffaman hundaan akkana jedha:
JER 29:5 “Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
JER 29:6 Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa.
JER 29:7 Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf Waaqayyoon kadhadhaa.”
JER 29:8 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: “Raajotaa fi ilaaltota isin gidduu jiraataniin hin gowwoomfaminaa. Abjuu akka isaan abjootaniif isaan kakaaftan sana hin dhaggeeffatinaa.
JER 29:9 Isaan maqaa kootiin soba isiniif raaju. Ani isaan hin ergine” jedha Waaqayyo.
JER 29:10 Waaqayyo akkana jedha: “Yeroo Waggaan torbaatamni Baabiloniif kenname sun xumuramutti ani gara keessan dhufeen waadaa akka iddoo kanatti isin deebisuuf gale sana nan raawwadha.
JER 29:11 Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.
JER 29:12 “Isinis na waammattu; dhuftaniis na kadhattu; anis isin nan dhagaʼa.
JER 29:13 Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.
JER 29:14 Anis akka isin na argattan nan godha; boojuudhaa deebisees isin nan fida” jedha Waaqayyo. “Ani sabootaa fi lafa ani itti isin ariʼee ture hunda keessaa walitti isin qabee gara biyya ani keessaa baasee isin boojiʼamsiise sanaatti deebisee isinan fida” jedha Waaqayyo.
JER 29:15 Sababii isin, “Waaqayyo Baabilon keessatti raajota nuu kaaseera” jettaniif
JER 29:16 Waaqayyo waaʼee mootii teessoo Daawit irra taaʼuutii fi waaʼee namoota magaalaa kana keessatti hafan hundaa, firoota keessan kanneen isin wajjin boojiʼamanii Baabilonitti hin geeffaminii akkana jedha;
JER 29:17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga; akka isaan akkuma ija harbuu kan tortoree namni nyaachuu hin dandeenyee taʼanis isaan nan godha.
JER 29:18 Ani goraadee, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan ariʼa; akka isaan saboota ani itti isaan ariʼe hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan sodaachisaa, waan tuffiitii fi waan fafaa taʼaniif ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti jibbisiisoo isaan nan godha.
JER 29:19 Isaan dubbii koo, dubbii ani ammumaa amma karaa tajaajiltoota koo raajotaatiin isaanitti erge hin dhaggeeffanneetii” jedhan Waaqayyo. “Isin warri boojiʼamtanis akkasuma hin dhaggeeffanne” jedha Waaqayyo.
JER 29:20 Kanaafuu isin boojiʼamtoonni ani Yerusaalemii baasee gara Baabilonitti erge hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
JER 29:21 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee Ahaab ilma Qolaayaatii fi waaʼee Maʼaseyaa ilma Zedeqiyaa warra maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbatan sanaa akkana jedha: “Ani dabarsee Nebukadnezar mooticha Baabilonitti isaan kenna; innis ijuma keessan duratti isaan fixa.
JER 29:22 Sababii isaaniitiifis boojiʼamtoonni Yihuudaa warri biyya Baabilon jiraatan, ‘Waaqayyo akka Zedeqiyaatii fi akka Ahaab warra Nebukadnezar mootichi Baabilon ibiddaan gube sanaa si haa godhu!’ jedhanii wal abaaru.
JER 29:23 Isaan waan akka malee hamaa taʼe Israaʼel keessatti hojjetaniiruutii; isaan niitota ollaa isaanii wajjin ejjaniiru; waan ani akka isaan hojjetan isaanitti hin himin hojjechuudhaan maqaa kootiin soba dubbataniiru; ani waan kana nan beeka; dhugaa illee nan baʼa” jedha Waaqayyo.
JER 29:24 Shemaaʼiyaa namicha Nehelaamiin akkana jedhi:
JER 29:25 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ati namoota Yerusaalem keessa jiraatan hundatti, Sefaaniyaa ilma Maʼaseyaa lubichaattii fi luboota biraa hundatti maqaa keetiin xalayaa ergiteerta. Sefaaniyaanis akkana jetteerta;
JER 29:26 ‘Waaqayyo akka ati mana Waaqayyoo keessatti itti gaafatamaa taatuuf iddoo Yehooyaadaa luba godhee si muudeera; ati maraatuu raajii dubbatu kam iyyuu miilla isaa jirma gidduu, morma isaa immoo hudhaa sibiilaa keessa galchitee hidhuu qabda.
JER 29:27 Yoos ati maaliif Ermiyaas namicha Anaatoot kan gidduu keessanitti raajii dubbatu sana ifachuu dhiifte ree?
JER 29:28 Inni akkana jedhee dhaamsa kana gara keenya, gara Baabilonitti ergeera: Barri boojuu ni dheerata. Kanaafuu manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu illee dhaabadhaa ija isaa nyaadhaa.’ ”
JER 29:29 Sefaaniyaa lubichis xalayaa sana Ermiyaas raajichaaf dubbise.
JER 29:30 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 29:31 “Ergaa kana boojiʼamtoota hundatti ergi; ‘Waaqayyo waaʼee Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa akkana jedha: Waan Shemaaʼiyaan yoo ani isa erguu baadhe iyyuu raajii isinii dubbatee akka isin soba amanattan godheef
JER 29:32 Waaqayyo akkana jedha: ani dhugumaan Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa fi sanyii isaa nan adaba. Inni saba kana gidduutti hambaa tokko iyyuu hin qabaatu yookaan waan gaarii ani saba kootiif godhu hin argu; inni na mormuun fincila lallabeeraatii’ jedha Waaqayyo.”
JER 30:1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
JER 30:2 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti dubbadhe hunda kitaabatti barreessi.
JER 30:3 Barri tokko ni dhufa’ jedha Waaqayyo; ‘Innis yeroo ani itti saba koo Israaʼelii fi Yihuudaa boojuudhaa deebisee biyya ani akka isaan dhaalaniif abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan galchuu dha,’ jedha Waaqayyo.”
JER 30:4 Dubbiin Waaqayyo waaʼee Israaʼelii fi Yihuudaa dubbate kanaa dha:
JER 30:5 “Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Iyyi sodaa ni dhagaʼama; kun raafama malee nagaa miti.
JER 30:6 Mee iyyaafadhaa ilaalaa: Dhiirri tokko daʼuu ni dandaʼaa? Yoos ani maaliifan dhiira hunda isaa akkuma dubartii ciniinsifattuu, harka isaa garaa ofii isaa irra kaaʼatee, fuulli isaas akka malee gurraachaʼe arga ree?
JER 30:7 Guyyaan sun akkam sodaachisaa taʼa! Guyyaan akka guyyaa sanaa tokko iyyuu hin jiraatu. Guyyaan sun Yaaqoobiif yeroo rakkinaa taʼa; inni garuu rakkina sana keessaa ni baʼa.
JER 30:8 “ ‘Guyyaa sana’ jedha Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Ani morma isaanii irraa waanjoo nan cabsa; hidhaa isaanii illee nan kukkuta; ergasii namoonni biyya ormaa isaan hin garboomfatan.
JER 30:9 Qooda kanaa isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii isa ani isaaniif kaasu ni tajaajilu.
JER 30:10 “ ‘Kanaafuu yaa tajaajilaa koo Yaaqoob, ati hin sodaatin; yaa Israaʼel hin rifatin’ jedha Waaqayyo. ‘Ani dhugumaan biyya fagootii sin baasa, sanyiiwwan kee immoo biyya isaan boojiʼamanii itti geeffamanii nan baasa. Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
JER 30:11 Ani si baasuuf si wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo; ‘Ani sabootan gidduu isaaniitti si bittinneesse sana guutumaan guutuutti barbadeessu iyyuu siʼi garuu guutumaan guutuutti hin barbadeessu. Ani karaa sirrii taʼeen sin adaba; utuu si hin adabin akkasumatti si hin dhiisu.’
JER 30:12 “Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Madaan kee hin fayyu; miidhamni kee waldhaansa hin qabu.
JER 30:13 Namni siif falmu tokko iyyuu hin jiru; madaa keetiif qorichi hin jiru; ati hin fayyitu.
JER 30:14 Michoonni kee hundi si dagataniiru; isaan dhimma kee hin qaban. Sababii yakki kee akka malee guddaa taʼee cubbuun kees baayʼateef ani akkuma diinaatti si dhaʼee akkuma nama garaa jabaatu tokkoottis si adabeera.
JER 30:15 Ati maaliif madaa keetii fi dhukkuba kee kan hin fayyine sanaaf iyyita? Sababii yakki kee guddatee cubbuun kees baayʼateef, ani wantoota kanneen sitti fideera.
JER 30:16 “ ‘Warri si nyaatan hundi garuu ni nyaatamu; diinonni kee hundis boojuudhaan ni fudhatamu. Warri qabeenya kee boojiʼan ni boojiʼamu; warri si saaman hundis ni saamamu.
JER 30:17 Ani garuu fayyaa kee siifin deebisa; madaa kees siif nan fayyisa’ jedha Waaqayyo. ‘Ati Xiyoon gatamtuu kan namni tokko iyyuu dhimma ishee hin qabne jedhamteertaatii.’
JER 30:18 “Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Ani hambaa dunkaana Yaaqoob kan boojiʼamee deebisee nan dhaaba; iddoo jireenya isaaniitiifis garaa nan laafa; magaalattiin idduma diigamte sanatti deebitee ni ijaaramti; masaraanis iddoo isaaf malu ni dhaabata.
JER 30:19 Faarfannaan galataatii fi sagaleen gammachuu isaan keessaa ni dhagaʼama. Ani isaan nan baayʼisa; isaaniis hin xinnaatan; ani ulfina nan kennaaf; isaanis hin tuffataman.
JER 30:20 Ijoolleen isaanii akka warra jabana durii taʼu; waldaan isaaniis jabaatee fuula koo dura ni dhaabata; ani warra isaan cunqursu hunda nan adaba.
JER 30:21 Hoogganaan isaanii namuma isaanii taʼa; bulchaan isaanii isaanuma gidduudhaa kaʼa. Ani isa ofitti nan dhiʼeessa; innis natti dhiʼaata; yoo kanaa achii eenyutu natti dhiʼaachuuf ija jabaata?’ jedha Waaqayyo.
JER 30:22 ‘Akkasiin isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.’ ”
JER 30:23 Kunoo, bubbeen Waaqayyoo, inni jabaan dheekkamsaan ni buʼa; bubbeen hamaanis mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
JER 30:24 Aariin Waaqayyoo, sodaachisaan sun hamma inni kaayyoo yaada isaa guutumaan guutuutti fiixaan baasutti duubatti hin deebiʼu. Isin bara dhumaa keessa waan kana ni hubattu.
JER 31:1 “Yeroo sanatti” jedha Waaqayyo, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Waaqa nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
JER 31:2 Waaqayyo akkana jedha: “Namoonni goraadee irraa hafan gammoojjii keessatti fudhatama ni argatu; anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.”
JER 31:3 Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.
JER 31:4 Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara; atis deebitee ni ijaaramta. Ati amma illee dibbee kee fudhattee warra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata.
JER 31:5 Ati amma illee gaarran Samaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta; qotee bulaanis wayinii dhaabbatee ija isaa ni nyaata.
JER 31:6 Guyyaa itti eegdonni gaarran Efreem irra dhaabatanii, ‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti ol baanaa’ jedhanii iyyan tokko ni dhufa.”
JER 31:7 Waaqayyo akkana jedha: “Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa; hangafa sabootaatiif ililchaa. Galata keessan dhageessisaatii, ‘Yaa Waaqayyo saba kee, hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa.
JER 31:8 Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida; handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba. Isaan keessattis jaamotaa fi naafota, haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama; saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu.
JER 31:9 Isaanis booʼaa dhufu; yeroo ani deebisee isaan fidutti Waaqa kadhatu. Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fi Efreem immoo ilma koo hangafa taʼeef, ani qarqara burqaa bishaanii irra, daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.
JER 31:10 “Yaa saboota, dubbii Waaqayyo dhagaʼaa; isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabee akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatii biyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa.
JER 31:11 Waaqayyo Yaaqoobin fureera, warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii.
JER 31:12 Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu; isaan arjummaa Waaqayyootti jechuunis midhaanitti, daadhii wayinii haaraa fi zayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu. Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa; isaan siʼachi hin gaddan.
JER 31:13 Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu; dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu. Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara; qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf.
JER 31:14 Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa; sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,” jedha Waaqayyo.
JER 31:15 Waaqayyo akkana jedha: “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
JER 31:16 Waaqayyo akkana jedha: “Sagalee kee booʼicha irraa, ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu; hojiin kee ni badhaafamaatii” jedha Waaqayyo. “Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu.
JER 31:17 Kanaafuu galgalli kee abdii qaba” jedha Waaqayyo. Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu.
JER 31:18 “Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera: ‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamin tokkootti na adabdeerta; anis adabameera. Ati sababii Waaqayyo Waaqa koo taateef, na deebisi; anis nan deebiʼa.
JER 31:19 Ani ergan duubatti deebiʼee booddee, qalbii jijjiirradheera; ani ergan hubadhee booddee, qoma koo nan dhaʼe. Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf, nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’
JER 31:20 Efreem ilma koo jaallatamaa, mucaa ani itti gammadu mitii? Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuu amma illee isa nan yaadadha. Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada; garaas nan laafaaf” jedha Waaqayyo.
JER 31:21 “Ati mallattoo daandii dhaabbadhu; waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu. Karaa irra deemtu, daandii guddaa sana hubadhu. Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi; magaalaawwan keetti deebiʼi.
JER 31:22 Yaa intala hin amanamne, ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta? Waaqayyo waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma; dubartiin dhiira marsiti.”
JER 31:23 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Waaqayyo si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu.
JER 31:24 Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu.
JER 31:25 Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”
JER 31:26 Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.
JER 31:27 “Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo.
JER 31:28 “Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Waaqayyo.
JER 31:29 “Bara sana keessa namoonni lammata, “ ‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan ilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan.
JER 31:30 Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.
JER 31:31 “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis kakuu haaraa galu ni dhufa,” jedha Waaqayyo.
JER 31:32 “Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale, kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu isaan cabsan sanaan tokko miti” jedha Waaqayyo.
JER 31:33 “Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo. “Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo taʼu.
JER 31:34 Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” jedha Waaqayyo. “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
JER 31:35 Waaqayyo akkana jedha; inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu, inni akka isaan halkaniin ibsaniif, jiʼaa fi urjiiwwan ajaju, inni akka dambaliin isaa huursuuf galaana raasu sun maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
JER 31:36 “Yoo seerri kun fuula koo duraa bade qofa, sanyiin Israaʼel, fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa” jedha Waaqayyo.
JER 31:37 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa ani sanyii Israaʼel hunda sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata” jedha Waaqayyo.
JER 31:38 Waaqayyo akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa.
JER 31:39 Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama.
JER 31:40 Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Waaqayyoof ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”
JER 32:1 Bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudhannaffaatti bara mootummaa Nebukadnezar keessa waggaa kudha saddeettaffaatti, dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe.
JER 32:2 Yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemin marsanii turan; Ermiyaas raajichi immoo masaraa mootii Yihuudaa keessatti oobdii eegumsaa keessatti itti cufamee ture.
JER 32:3 Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa akkana jedheenii isa hiisisee ture; “Ati maaliif akkana jettee raajii dubbatta? ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ni qabata.
JER 32:4 Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa dabarfamee mootii Baabilonitti ni kennama malee harka warra Baabilon jalaa hin baʼu; fuula mootichaa dura dhaabatees isa wajjin dubbata; ija isaatiinis isa ni arga.
JER 32:5 Innis Zedeqiyaa gara Baabilonitti geessa; Zedeqiyaan hamma ani isa Yaadadhutti achuma tura, jedha Waaqayyo. Isin yoo Baabilonota loltan hin milkooftan.’ ”
JER 32:6 Ermiyaas akkana jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
JER 32:7 Hananiʼeel ilmi eessuma keetii ilmi Shaluum si bira dhufee, ‘Ati sababii lafa kana bitachuuf mirga aantummaa qabduuf lafa qotiisaa koo kan Anaatoot keessaa sana bitadhu’ siin jedha.
JER 32:8 “Ergasii akkuma Waaqayyo dubbate sana Hananiʼeel durbiin koo gara oobdii eegumsaatti na bira dhufee, ‘Lafa koo kan biyya Beniyaam keessa Anaatoot jiru sana bitadhu. Waan mirgi furuutii fi dhuunfachuu kan kee taʼeef ati ofii keetii bitadhu’ jedhe. “Kana irratti ani akka wanni kun dubbii Waaqayyoo ture nan beeke;
JER 32:9 kanaafuu ani lafa qotiisaa Anaatoot jiru sana durbii koo Hananiʼeel irraa bitadhee meetii saqilii kudha torba safaree kenneef.
JER 32:10 Anis walii galtee sana mallatteessee, chaappaa itti godhee, dhuga baatota waamee meetii sana madaaliitti safareef.
JER 32:11 Walii galtee bittaa fi gurgurtaa jechuunis garagalchaa chaappaa qabu kan akka seeraa fi barteetti hojjetamee fi kan chaappaa hin qabnee illee nan fudhadhe;
JER 32:12 geessees fuula durbii koo Hananiʼeelii fi fuula dhuga baatota walii galtee sana irratti mallatteessaniitii fi fuula Yihuudoota oobdii eegumsaa keessa tataaʼaa turan hundaa duratti Baaruk ilma Neeriyaa ilma Mahiseyaatti kenne.
JER 32:13 “Anis fuuluma isaanii duratti qajeelcha kana Baarukiif kenne;
JER 32:14 ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: walii galtee bittaa fi gurgurtaa kan chaappaa qabuu fi kan chaappaa hin qabne fuudhiitii akka isaan bara dheeraa turuu dandaʼaniif lachuu okkotee suphee keessa kaaʼi.
JER 32:15 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; biyya kana keessatti manneen, lafa qotiisaa fi iddoon dhaabaa wayinii amma illee ni bitamu.’
JER 32:16 “Anis erga walii galtee bittaa fi gurgurtaa sana Baaruk ilma Neeriyaatti kennee booddee akkana jedheen Waaqayyoon kadhadhe:
JER 32:17 “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
JER 32:18 Ati namoota kumaatamatti jaalala ni argisiifta; garuu sababii cubbuu abbootiitiif jettee ijoollee isaanii kanneen isaan booddee illee ni adabda. Yaa Waaqa guddaa fi humna qabeessa maqaan kee Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu dha;
JER 32:19 kaayyoon kee guddaa dha; hojiin kees jabaa dha. Iji kee karaa namaa hunda ilaala; ati tokkoo tokkoo namaatiif gatii karaa isaatii fi hojii isaatiif malu kennita.
JER 32:20 Ati Gibxi keessatti mallattoo fi dinqii hojjettee hamma harʼaatti illee Israaʼelii fi sanyii namaa hunda keessatti waan kana ittuma fuftee maqaa hamma ammaatti qabdu kana argatte.
JER 32:21 Saba kee Israaʼeliin mallattoo fi dinqiidhaan, harka humna qabeessaan, irree diriirfamaa fi haala akka malee nama sodaachisuun Gibxi keessaa baafte.
JER 32:22 Biyya aannanii fi damma baasu kan ati abbootii isaaniitiif kennuuf kakatte kana isaaniif kennite.
JER 32:23 Isaanis biyyattii seenanii dhaalan; garuu siif hin ajajamne yookaan seera kee duukaa hin buune. Waan ati akka isaan hojjetan ajajjes hin hojjenne. Kanaafuu ati badiisa kana hunda isaanitti fidde.
JER 32:24 “Kunoo magaalaa fudhachuuf tuullaan biyyoo itti marfameera. Sababii goraadee, beelaatii fi dhaʼichaatiif magaalaan kun Baabilonota amma isa lolaa jiranitti dabarfamee ni kennama. Wanni ati dubbatte sun akkuma ati amma argitu kana fiixaan baʼeera.
JER 32:25 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati yoo magaalattiin kun dabarfamtee Baabilonotatti kennamte iyyuu ‘Meetiidhaan lafa qotiisaa bitadhuutii bittaa fi gurgurtaa isaa illee ragaa qabaachisi’ naan jetta.”
JER 32:26 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 32:27 “Ani Waaqayyo, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa?
JER 32:28 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee Baabilonotaa fi Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kennuuf jira; innis ishee ni qabata.
JER 32:29 Baabilononni magaalaa kana lolaa jiran kunneen magaalattii seenanii ibidda itti qabsiisu; isaanis manneen namoonni bantii isaanii irratti Baʼaaliif ixaana aarsuu fi waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan sana illee walumaan ni gubu.
JER 32:30 “Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa ijoollummaa isaaniitii jalqabanii fuula koo duratti waan hamaa malee homaa hin hojjenne; dhugumaan sabni Israaʼel waan harkuma isaaniitiin hojjetaniin dheekkamsaaf na kakaasan malee homaa hin hojjenne, jedha Waaqayyo.
JER 32:31 Magaalattiin kun gaafa ijaaramtee jalqabdee hamma ammaatti akka ani fuula koo duraa ishee balleessuuf na aarsitee dheekkamsaaf na kakaaste.
JER 32:32 Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa jechuunis isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii, namoonni Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem hammina hojjetan hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniiru.
JER 32:33 Isaan fuula isaanii dhiisanii dugda isaanii natti garagalfatan; yoo ani ammumaa amma isaan barsiise iyyuu isaan na hin dhaggeeffanne yookaan qajeelfama kootiin hin geeddaramne.
JER 32:34 Isaan waaqota isaanii balfamoo sana mana Maqaa kootiin waamamu keessa dhaabatanii manicha xureessan.
JER 32:35 Isaanis ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii Moolekiif dhiʼeessuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti Baʼaaliif iddoo sagadaa ijaaran; ani garuu akka isaan waan jibbisiisaa akkanaa hojjetanii Yihuudaa illee cubbuu hojjechiisan gonkumaa isaan hin ajajne yookaan wanni kun qalbii koo keessa illee hin turre.
JER 32:36 “Ati waaʼee magaalattii kanaa, ‘Isheen goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan dabarfamtee mooticha Baabilonitti kennamti’ jetta; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha:
JER 32:37 Ani dhugumaan biyyoota ani aarii koo sodaachisaa fi dheekkamsa koo guddaadhaan itti isaan ariʼe hunda keessaa walitti isaan nan qaba; iddoo kanattis isaan deebisee nagaan isaan jiraachisa.
JER 32:38 Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
JER 32:39 Ani akka isaanittii fi ijoollee isaanii kanneen isaan booddeettis jireenyi toluuf jedhanii akka bara baraan na sodaataniif garaa tokkoo fi karaa tokko isaaniifin kenna.
JER 32:40 Ani kakuu bara baraa isaan wajjin nan gala; akka isaan gonkumaa narraa hin garagalleef ani waan gaarii isaaniif gochuu hin dhiisu; akka isaan na sodaataniifis isaan nan kakaasa.
JER 32:41 Ani waan gaarii isaaniif gochuutti nan gammada; garaa koo fi lubbuu koo guutuudhaan, amanamummaadhaanis biyya kana keessa isaan nan dhaaba.
JER 32:42 “Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuman badiisa guddaa kana hunda saba kanatti fide sana waan gaarii waadaa isaaniif seene sana hunda nan kennaaf.
JER 32:43 Biyya isin, ‘Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru; isheen dabarfamtee Baabilonotatti kennamteertiitii’ jettanii waaʼee ishee dubbattan kana keessatti lafti qotiisaa amma illee ni bitama.
JER 32:44 Biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalem keessatti, magaalaawwan Yihuudaatii fi magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, magaalaawwan gaarran dhiʼaatii fi kan Negeeb keessatti lafti qotiisaa meetiidhaan ni bitama; walii galteen bittaa gurgurtaa isaas mallatteeffamee chaappaan itti godhamee dhuga baatotaan ni rageeffama; ani boojuu isaanii iddoo duriitti nan deebisaatii, jedha Waaqayyo.”
JER 33:1 Utuu Ermiyaas amma iyyuu oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu, dubbiin Waaqayyoo yeroo lammaffaa akkana jedhee gara isaa dhufe:
JER 33:2 “Waaqayyo inni lafa uume, Waaqayyo inni lafa tolchee jabeessee ishee dhaabe, kan maqaan isaa Waaqayyo jedhamu sun akkana jedha;
JER 33:3 ‘Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.’
JER 33:4 Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee manneen magaalaa kanaatii fi waaʼee masaraa mootota Yihuudaa kanneen ittiin tuulaa biyyootii fi goraadee of irraa dhowwuuf diigaman sanaa akkana jedhaatii;
JER 33:5 Baabilononni loluuf ni dhufu; ‘Isaanis magaalaa kana reeffa namoota ani aarii fi dheekkamsa kootiin fixuutiin ni guutu. Ani sababii hammina ishee hundaatii fi magaalaa kana duraa fuula koo dhokfadheeraatii.
JER 33:6 “ ‘Taʼus ani isaan nan fayyisa; nan bayyanachiisas; ani saba koo nan fayyisa; akka isaan nagaa fi tasgabbii guddaan jiraatan nan godha.
JER 33:7 Ani Yihuudaa fi Israaʼelin boojuudhaa deebisee akka isaan dur turanitti nan ijaara.
JER 33:8 Cubbuu isaan natti hojjetan hunda irraa isaan nan qulqulleessa; cubbuu isaan natti finciluun hojjetan hundas nan dhiisaaf.
JER 33:9 Magaalaan kun fuula saboota lafa irraa warra waan gaarii ani isheef godhe hunda dhagaʼan hundaa duratti maqaa, gammachuu, galataa fi ulfina naa taati; isaan sababii badhaadhummaa fi nagaa ani isheef kennu hundaatiif sodaatanii hollatan.’
JER 33:10 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Isin waaʼee iddoo kanaa, “Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru” jettu. Taʼu illee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem kanneen duwwaa hafanii namni yookaan bineensi keessa hin jirre sana keessatti amma illee,
JER 33:11 sagaleen ililleetii fi gammachuu, sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, sagaleen warra mana Waaqayyootti aarsaa dhiʼeessanii kan, “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu galateeffadhaa; Waaqayyo gaariidhaatii; jaalalli isaas bara baraan ni jiraata” jedhu ni dhagaʼama. Ani boojiʼamtoota biyyattii akkuma isaan duraan turanittin deebisaatii’ jedha Waaqayyo.
JER 33:12 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Iddoo onaa namni yookaan horiin keessa hin jiraanne kanaa fi magaalaawwan ishee hunda keessa lafti dheedaa kan tiksoonni bushaayee isaanii itti boqochiifatan ammas ni jiraata.
JER 33:13 Magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, kanneen gaarran dhiʼaatii fi Negeeb keessatti, biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa keessatti amma illee bushaayeen harka nama isaan toʼatuu jala ni hulluuqu’ jedha Waaqayyo.
JER 33:14 “ ‘Barri ani’ jedha Waaqayyo ‘waadaa gaarii ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaatiif seene sana itti fiixaan baasu ni dhufa.’
JER 33:15 “ ‘Bara sana keessa, yeroo sanatti ani akka dameen qajeelaan tokko sanyii Daawit keessaa latu nan godha; inni waan qajeelaa fi sirrii taʼe biyyattii keessatti ni hojjeta.
JER 33:16 Bara sana keessa Yihuudaan ni fayya; Yerusaalemis nagaan jiraatti. Maqaan isheen ittiin waamamtus, Waaqayyo qajeelummaa keenya’ jedhama.
JER 33:17 Waaqayyo akkana jedhaatii: ‘Daawit gonkumaa nama teessoo mana Israaʼel irra taaʼu hin dhabu;
JER 33:18 yookaan luboonni warri Lewwota taʼan gonkumaa nama aarsaa gubamu dhiʼeessuuf, kennaa midhaanii gubuu fi qalma dhiʼeessuuf ittuma fufee fuula koo dura dhaabatu hin dhaban.’ ”
JER 33:19 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 33:20 “Waaqayyo akkana jedha; ‘Yoo isin akka halkanii fi guyyaan yeroo isaanii kennametti hin dhufneef kakuu ani halkan wajjin galee fi kakuu ani guyyaa wajjin gale sana cabsuu dandeessan,
JER 33:21 kakuun ani garbicha koo Daawit wajjin galee fi kakuun ani Lewwota luboota taʼanii fuula koo dura tajaajilan wajjin gale sun cabuu dandaʼa; Daawitis siʼachi sanyii teessoo isaa irra taaʼee bulchu hin qabaatu.
JER 33:22 Ani sanyii garbicha koo Daawitii fi Lewwota fuula koo dura tajaajilan akkuma urjiiwwan samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu hin dandeenyee nan baayʼisa.’ ”
JER 33:23 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 33:24 “Ati akka uummanni kun, ‘Waaqayyo mootummoota filatee ture lamaan gateera’ jechaa jiru hin qalbeeffannee? Kanaafuu isaan saba koo tuffataniiru; siʼachis akka saba tokkootti isa hin ilaalan.
JER 33:25 Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani utuu halkanii fi guyyaa wajjin kakuu koo jabeessee dhaabuu baadhee, samii fi lafaafis seera kaaʼuu baadhee,
JER 33:26 silaa sanyii Yaaqoobii fi sanyii tajaajilaa koo Daawit gatee akka inni sanyii Abrahaam, sanyii Yisihaaqii fi kan Yaaqoob bulchuuf ilmaan isaa keessaa nama tokko hin filadhu ture. Anis boojiʼamtoota isaanii nan deebisa; garaa illee nan laafaaf.’ ”
JER 34:1 Yeroo Nebukadnezar mootichi Baabiloniitii fi loltoonni isaa hundi, mootummoonnii fi saboonni biyya inni bulchu keessa jiraatan hundi Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee hunda lolaa turanitti dubbiin akkana jedhu tokko Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe;
JER 34:2 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Gara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa dhaqiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ishee guba.
JER 34:3 Ati dhugumaan qabamtee dabarfamtee isatti kennamta malee harka isaa jalaa hin miliqxu. Mootii Baabilon ijuma keetiin ni argita; innis kallattiin si wajjin ni dubbata. Atis Baabilonitti ni geeffamta.
JER 34:4 “ ‘Taʼus yaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo waaʼee kee akkana jedha: Ati goraadeen hin duutu;
JER 34:5 garuu nagumaan duuta. Namoonni akkuma ulfina awwaala abbootii keetii mootota siin duraatiif ibidda qabsiisan sana ulfina keetiif ibidda qabsiisanii, “Wayyoo yaa Gooftaa!” jedhanii booʼu. Ani mataan koo dubbii kana dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo.’ ”
JER 34:6 Ermiyaas raajichi Yerusaalem keessatti waan kana hunda Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti hime;
JER 34:7 yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa jechuunis Laakkiishii fi Azeeqaa lolaa turan. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban keessaa kanneen hafan isaanuma kana qofa turaniitii.
JER 34:8 Erga Zedeqiyaa mootichi bilisummaa garbootaa labsuuf jedhee uummata Yerusaalem keessa jiraatu hunda wajjin kakuu galee booddee dubbiin tokko Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe.
JER 34:9 Tokkoon tokkoo namaa garba isaa dhiiraa dubartii sanyii Ibrootaa taʼan bilisa baasuu qaba ture; namni kam iyyuu Yihuudii sanyii isaa taʼe tokko garbummaa keessatti hambisuu hin qabu.
JER 34:10 Kanaafuu qondaaltonnii fi namoonni kakuu sana seenan hundi garboota isaanii dhiirotaa dubartii bilisa baasuu fi akka siʼachis isaan hin garboomfanne walii galan. Isaanis tole jedhanii jara bilisa baasan.
JER 34:11 Ergasii garuu yaada isaanii geeddaratanii garboota bilisa baasanii turan sana deebifatanii amma illee garboomfatan.
JER 34:12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 34:13 “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani yeroon Gibxii biyya garbummaatii isaan baasetti abbootii keessan wajjin akkana jedhee kakuu gale;
JER 34:14 ‘Tokkoon tokkoon keessan waggaa torba torbatti nama sanyii Ibrootaa kan isinitti of gurgure kam iyyuu bilisa baasuu qabdu. Erga inni waggaa jaʼa isin tajaajilee booddee isin gad isa dhiisuu qabdu.’ Abbootiin keessan garuu na hin dhageenye; gurras naa hin kennine.
JER 34:15 Isin immoo dhiʼoo kana qalbii jijjiirrattanii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe gootaniirtu: Tokkoon tokkoon keessanis lammiiwwan keessaniif bilisummaa labsitaniirtu. Mana Maqaa kootiin waamamu keessatti fuula koo duratti kakuu galtaniirtu.
JER 34:16 Amma garuu garagaltanii maqaa koo xureessitan; tokkoon tokkoon keessan garboota dhiiraa dubartii isin akka isaan gara fedhan deemaniif bilisa baaftanii turtan sana deebiftanii fudhattaniirtu. Akka isaan ammas garboota keessan taʼaniif isaan dirqamsiiftaniirtu.
JER 34:17 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Isin naaf hin ajajamne; lammiiwwan keessaniifis bilisummaa hin labsine. Kanaafuu ani amma, ‘Bilisummaa isinii nan labsa’ jedha Waaqayyo; ‘Bilisummaan’ kunis bilisummaa goraadeedhaan, dhaʼichaa fi beelaan dhumuu ti. Ani fuula mootummoota lafaa hundaa durattis akka isin jibbamtan nan godha.
JER 34:18 Warra kakuu koo cabsanii walii galtee kakuu fuula koo duratti godhan sanaa hin eegin immoo akkuma jabbii isaan iddoo lamatti qoodanii gidduu isaanii baʼanii darban sanaa nan godha.
JER 34:19 Dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, qondaaltota mana murtii, lubootaa fi uummata biyyattii kanneen jabbii gargar qoodame sana gidduu baʼanii darban hunda,
JER 34:20 dabarsee diinota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti nan kenna. Reeffi isaanii allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.
JER 34:21 “Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatii fi qondaaltota isaa dabarsee diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti, loltoota mootii Baabilon kanneen isin loluu irraa deebiʼanitti nan kenna.
JER 34:22 Ani ajaja kennee, gara magaalaa kanaatti deebisee isaan nan fida jedha Waaqayyo. Isaanis ishee ni lolu; qabataniis ibiddaan ishee gubu. Anis akka namni tokko iyyuu keessa hin jiraanneef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa.”
JER 35:1 Dubbiin bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa turetti Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe akkana jedha:
JER 35:2 “Gara mana Rekaabotaa dhaqiitii gara mana Waaqayyootti isaan waami; kutaa manaa tokkotti ol isaan galchiitii akka dhuganiif daadhii wayinii kenniif.”
JER 35:3 Anis dhaqeen Yaazaniyaa ilma Ermiyaas, ilma Habazneyaa, obboloota isaatii fi ilmaan isaa hunda jechuunis maatii Rekaabotaa guutuu waame.
JER 35:4 Anis gara mana Waaqayyootti isaan fidee kutaa mana ilmaan Haanaan ilma Yigdaaliyaa nama Waaqaa sanaatti ol galche. Kutaan sunis kutaa qondaaltotaa kan kutaa Maʼaseyaa ilma Shaluum namicha balbala eegu sanaatii ol jirutti aana ture.
JER 35:5 Anis waciitiiwwan daadhii wayiniitiin guutamanii fi xoofoo fuula Rekaabotaa duratti dhiʼeesseen, “Daadhii wayinii kana dhugaa” jedheen.
JER 35:6 Isaan garuu akkana jedhanii deebisan: “Nu sababii abbaan keenya Yoonaadaab ilmi Rekaab akkana jedhee nu ajajeef daadhii wayinii hin dhugnu: ‘Isin yookaan sanyiin keessan gonkumaa daadhii wayinii hin dhuginaa.
JER 35:7 Akkasumas isin mana ijaarrachuu, sanyii facaafachuu yookaan wayinii dhaabbachuu hin qabdan; isin yeroo hunda dunkaanota keessa jiraachuu qabdu malee waan kanneen keessaa tokko illee qabaachuu hin qabdan. Yoos isin biyya itti keessummaa taatan keessa bara dheeraa ni jiraattu.’
JER 35:8 Nu waan abbaan keenya Yehoonaadaab ilmi Rekaab nu ajaje hunda eegneerra. Nu yookaan niitonni keenya yookaan ilmaanii fi intallan keenya daadhii wayinii hin dhugne.
JER 35:9 Yookaan mana keessa jiraannu yookaan wayinii, lafa qotiisaa yookaan midhaan hin qabnu.
JER 35:10 Nu dunkaana keessa jiraannee waan abbaan keenya Yoonaadaab nu ajaje hunda eegneerra.
JER 35:11 Garuu yeroo Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya kana qabatetti nu, ‘Kottaa; nu Baabilonotaa fi loltoota Sooriyaa duraa baqannee Yerusaalemitti galuu qabna’ waliin jenne. Akkasiinis nu Yerusaalem keessatti hafne.”
JER 35:12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 35:13 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaqiitii namoota Yihuudaatii fi saba Yerusaalemiin ‘Isin gorsa koo fudhattanii naaf hin ajajamtanii?’ jedhi, jedha Waaqayyo.
JER 35:14 ‘Yehoonaadaab ilmi Rekaab akka ilmaan isaa daadhii wayinii hin dhugne ajaje; ajajni kunis eegameera. Isaan sababii ajaja abbaa isaanii eeganiif hamma harʼaatti daadhii wayinii hin dhugan. Ani garuu ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin immoo naaf hin ajajamne.
JER 35:15 Ani tajaajiltoota koo raajota hunda ammumaa amma isinitti erge. Isaan akkana isiniin jedhan; “Tokkoon tokkoon keessan karaa keessan hamaa sana irraa deebitanii hojii keessan qajeelfachuu qabdu. Isaan tajaajiluuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa. Yoos isin biyya ani isinii fi abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu.” Isin gurra keessan naaf hin kennine, yookaan na hin dhaggeeffanne.
JER 35:16 Sanyiin Yehoonaadaab ilma Rekaab ajaja abbaan isaanii isaaniif kenne eeganiiru; sabni kun garuu naaf hin ajajamne.’
JER 35:17 “Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dhaggeeffadhaa! Ani Yihuudaattii fi nama Yerusaalem keessa jiraatu hundatti balaa nan fida jedhee labse sana hunda nan fida. Ani isaanitti dubbadheen ture; isaan garuu hin dhaggeeffanne. Ani isaan waameen ture; isaan garuu hin owwaanne.’ ”
JER 35:18 Ermiyaasis maatii Rekaabotaatiin akkana jedhe; “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Isin ajaja abbaa keessan Yehoonaadaab eegdanii gorsa isaa hunda illee duukaa buutaniirtu; waan inni isin ajaje hundas hojjettaniirtu.’
JER 35:19 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoonaadaab ilmi Rekaab gonkumaa nama fuula koo dura dhaabatee na tajaajilu hin dhabu.’ ”
JER 36:1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti dubbiin akkana jedhu Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe:
JER 36:2 “Kitaaba maramaa fudhadhuutii dubbii ani bara mootummaa Yosiyaasii jalqabee hamma ammaatti waaʼee Israaʼelii fi waaʼee Yihuudaa, waaʼee saboota kaan hundaas sitti dubbadhe sana hunda irratti barreessi.
JER 36:3 Tarii sabni Yihuudaa yeroo waaʼee badiisa ani isaanitti fiduuf yaade hundaa dhagaʼanitti tokkoon tokkoon isaanii karaa isaanii hamaa sana irraa ni deebiʼu taʼa; yoos ani hammina isaaniitii fi cubbuu isaanii nan dhiisaaf.”
JER 36:4 Ermiyaasis Baaruk ilma Neeriyaa waame; Baaruk immoo dubbii Waaqayyo dubbate sana Ermiyaas irraa dhagaʼee kitaaba maramaa irratti barreesse.
JER 36:5 Ermiyaas akkana jedhee Baarukin ajaje; “Ani mana Waaqayyoo seenuu dhowwameera.
JER 36:6 Kanaafuu ati guyyaa soomaa tokko mana Waaqayyoo dhaqiitii dubbii Waaqayyoo kan narraa dhageessee barreessite sana kitaaba maramaa irraa sabaaf dubbisi. Namoota Yihuudaa warra magaalaawwan isaanii irraa dhufan hundaaf dubbii sana dubbisi.
JER 36:7 Tarii isaan kadhannaa isaanii fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeeffatanii tokkoon tokkoon isaanii karaa isaanii hamaa sana irraa ni deebiʼu taʼa; aarii fi dheekkamsi Waaqayyo saba kana irratti labse guddadhaatii.”
JER 36:8 Baaruk ilmi Neeriyaas waan Ermiyaas raajichi isatti hime hunda ni hojjete; mana Waaqayyoo keessattis kitaaba maramaa sana irraa dubbii Waaqayyoo dubbise.
JER 36:9 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaasi mootii Yihuudaa ture keessa jiʼa saglaffaa waggaa shanaffaatti guyyaan fuula Waaqayyo duratti sooman tokko saba Yerusaalem keessa jiraatuu fi warra magaalaawwan Yihuudaatii dhufan hundaaf ni labsame.
JER 36:10 Baarukis kutaa Gemaariyaa ilma Shaafaan barreessaa sanaa kan oobdii ol aanaa keessa balbala mana qulqullummaa, kan Karra Haaraa jedhamu biraa sana keessa dhaabatee saba mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture hundaaf dubbii Ermiyaas sana kitaaba maramaa irraa dubbise.
JER 36:11 Miikiyaas ilmi Gemaariyaa ilma Shaafaan yeroo dubbii Waaqayyoo hunda kitaaba maramaa irraa dhagaʼetti,
JER 36:12 gara kutaa barreessaa kan masaraa mootummaa keessaa, iddoo qondaaltonni hundi tataaʼaa turanitti gad buʼe; isaanis Eliishaamaa barreessaa, Delaayaa ilma Shemaaʼiyaa, Elnaataan ilma Akboor, Gemaariyaa ilma Shaafaan, Zedeqiyaas ilma Hanaaniyaatii fi qondaaltota biraa hundaa dha.
JER 36:13 Miikiyaas waan yeroo Baaruk kitaaba maramaa irraa uummataaf dubbisetti dhagaʼe sana hunda isaaniitti hime.
JER 36:14 Qondaaltonni hundis akka inni Baarukiin, “Kitaaba maramaa uummataaf dubbifte sana fidii kottu” jedhuuf Yehuudii ilma Naataaniyaa, ilma Shelemiyaa, ilma Kuushii ergan. Kanaafuu Baaruk ilmi Neeriyaa kitaaba maramaa sana harkatti qabatee gara isaanii dhaqe.
JER 36:15 Jarris, “Maaloo, taaʼiitii kitaabicha nuu dubbisi” jedhaniin. Kanaafuu Baaruk kitaaba sana isaaniif dubbise.
JER 36:16 Isaanis yommuu dubbii kana hunda dhagaʼanitti sodaadhaan wal ilaalanii Baarukiin, “Nu waan kana hunda mootichatti himuu qabna” jedhan.
JER 36:17 Ergasii isaan Baarukiin, “Mee nutti himi; ati akkamitti waan kana hunda barreessite? Ermiyaasitu sitti himee?” jedhanii gaafatan.
JER 36:18 Baarukis, “Eeyyee, Ermiyaasitu dubbii kana hunda natti hime; ani immoo qalamiidhaan kitaaba maramaa irratti barreesse” jedhee deebise.
JER 36:19 Kana irratti qondaaltonni sun Baarukiin, “Atii fi Ermiyaas dhaqaa dhokadhaa. Namni tokko iyyuu iddoo isin jirtan hin beekin” jedhan.
JER 36:20 Isaanis kitaaba maramaa sana kutaa Eliishaamaa barreessaa sanaa keessa kaaʼanii mooticha bira gara oobdii dhaqanii waan hunda isatti himan.
JER 36:21 Mootichis akka inni kitaabicha fiduuf Yihuudii erge; Yehuudiinis kutaa Eliishaamaa barreessaa sanaa keessaa kitaabicha fidee mootichaa fi qondaaltota isa bira dhaabachaa turan hundaaf dubbise.
JER 36:22 Yeroon sun jiʼa saglaffaa ture; mootichis mana itti yeroo gannaa dabarsu keessa taaʼaa ture; ibiddi girgiraa guddaa irratti bobaʼus fuula isaa dura ture.
JER 36:23 Yommuu Yehuudiin kitaaba maramaa sana keessaa boʼoo sadii yookaan afur dubbisutti, mootichi hamma kitaabni sun guutumaan guutuutti gubatee dhumutti haaduu barreessaatiin kukkutee girgiraa ibiddaatti darbachaa ture.
JER 36:24 Taʼu illee mootichii fi tajaajiltoonni isaa kanneen dubbii kana hunda dhagaʼan hundi homaa hin sodaanne yookaan uffata isaanii hin tarsaafne.
JER 36:25 Mootichi yoo Elnaataan, Delaayaa fi Gemaariyaan akka inni kitaabicha hin gubneef isa kadhatan iyyuu isaan hin dhageenye.
JER 36:26 Qooda kanaa mootichi akka isaan Baaruk barreessaa sanaa fi Ermiyaas raajicha hidhaniif Yeramiʼeel ilma mootii, Seraayaa ilma Azriiʼeeliitii fi Shelemiyaa ilma Abdiʼeel ajaje. Waaqayyo garuu isaan dhoksee ture.
JER 36:27 Erga mootichi kitaaba maramaa kan Baaruk dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe itti barreesse sana gubee booddee dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 36:28 “Kitaaba maramaa biraa fuudhiitii dubbii kitaabicha duraa kan Yehooyaaqiim mootichi Yihuudaa gube irra ture sana hunda itti barreessi.
JER 36:29 Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaatiinis akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati kitaaba maramaa sana gubdee, “Ati maaliif akka mootiin Baabilon dhugumaan dhufee biyya kana balleessee namaa fi horii keessaa hobbaasu kitaabicha irratti barreessite?” jettee gaafatte.
JER 36:30 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa akkana jedha: Inni nama teessoo Daawit irra taaʼu hin qabaatu; reeffi isaas gad darbatamee hoʼa guyyaatii fi qorra halkaniitti ni saaxilama.
JER 36:31 Ani sababii hammina isaaniitiif isa, ijoollee isaatii fi tajaajiltoota isaa nan adaba; sababii isaan na dhaggeeffachuu didaniif ani balaa isaanittin fida jedhee labse sana hunda isaanitti, namoota Yerusaalem keessa jiraatanii fi namoota Yihuudaatti nan fida.’ ”
JER 36:32 Ergasii Ermiyaas kitaaba maramaa kan biraa fuudhee Baaruk ilma Neeriyaa barreessaa sanatti kenne; Baarukis akkuma Ermiyaas itti himetti dubbii kitaaba maramaa Yehooyaaqiim mootichi Yihuudaa ibiddaan gube sana irra ture hunda itti barreesse. Dubbiin dubbii kana fakkaattu hedduunis itti dabalameera.
JER 37:1 Nebukadnezar mootichi Baabilon Zedeqiyaa ilma Yosiyaas mootii Yihuudaa taasise; innis iddoo Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim buʼee mootii taʼe.
JER 37:2 Garuu inni yookaan tajaajiltoonni isaa yookaan sabni biyya sanaa dubbii Waaqayyo karaa Ermiyaas raajichaatiin dubbate sana hin qalbeeffanne.
JER 37:3 Taʼus Zedeqiyaa mootichi, “Maaloo Waaqayyo Waaqa keenya nuu kadhadhu” jedhee Yehuukal ilma Shelemiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaas raajichaatti erge.
JER 37:4 Ermiyaas waan yeroo sanatti mana hidhaatti hin galfaminiif sodaa malee saba gidduu ni deddeebiʼa ture.
JER 37:5 Loltoonni Faraʼoon Gibxii baʼanii turan; Baabilononni Yerusaalemin marsanii turanis yommuu waan kana dhagaʼanitti Yerusaalemin dhiisanii baʼan.
JER 37:6 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
JER 37:7 “Waaqayyo, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Mooticha Yihuudaa isa akka isin waa na gaafattaniif isin erge sanaan akkana jedhaa; ‘Loltoonni Faraʼoon kanneen isin gargaaruuf dhufan sun gara biyya isaanii, gara Gibxitti ni deebiʼu.
JER 37:8 Ergasii Baabilononni deebiʼanii magaalaa kana ni dhaʼu; ni qabatu; ni gubus.’
JER 37:9 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Baabilononni dhugumaan nu dhiisanii deemu’ jettanii yaaduudhaan of hin gowwoomsinaa; isaan hin deemaniitii!
JER 37:10 Utuu isin loltoota Baabilonotaa kanneen isin lolaa jiran kana hunda moʼattanii warri madaaʼan qofti dunkaana isaanii keessatti hafanii iyyuu isaan gad baʼanii magaalaa kana ni gubu.”
JER 37:11 Erga loltoonni Baabilonotaa sababii waraana Faraʼooniif jedhanii Yerusaalemin dhiisanii baʼanii as,
JER 37:12 Ermiyaas saba achi jiraatu keessaa qooda qabeenyaa kan isa gaʼu argachuuf jedhee Yerusaalemii kaʼee biyya Beniyaam dhaqe.
JER 37:13 Garuu yeroo inni karra Beniyaam bira gaʼetti Yiriyaan ilmi Shelemiyaa, ilmi Hanaaniyaa itti gaafatamaan eegumsaa sun, “Ati gara Baabilonotaatti sokkaa jirta!” jedhee Ermiyaas raajicha qabee hidhe.
JER 37:14 Ermiyaas immoo, “Kun dhugaa miti! Ani gara Baabilonotaatti sokkuutti hin jiru” jedhe. Yiriyaan garuu isa dhagaʼuu dide; qooda kanaa Ermiyaasin qabee qondaaltotatti dhiʼeesse.
JER 37:15 Isaanis Ermiyaasitti aaranii isa tuman; mana Yoonaataan barreessaa sanaa kan mana hidhaa godhatan sana keessatti isa hidhan.
JER 37:16 Ermiyaasis kutaa mana boollaa keessa buufame; achis yeroo dheeraa ture.
JER 37:17 Ergasii Zedeqiyaa Mootichi nama itti ergee gara masaraa ofii isaatti isa fichisiise. Achittis kophaatti baasee, “Dubbiin Waaqayyo biraa dhufe tokko iyyuu jiraa?” jedhee isa gaafate. Ermiyaasis, “Eeyyee; ati dabarfamtee mootii Baabiloniitti ni kennamta” jedhee deebise.
JER 37:18 Ergasiis Ermiyaas, Zedeqiyaas mootichaan akkana jedhe; “Ani sitti yookaan qondaaltota keetti yookaan saba kanatti balleessaa maalii hojjennaan isin mana hidhaa keessa na buuftan?
JER 37:19 Raajonni kee warri, ‘Mootiin Baabilon siʼi yookaan biyya kana hin lollu’ jedhanii raajii siif dubbatan sun eessa jiru?
JER 37:20 Amma garuu gooftaa koo yaa mootichaa, maaloo na dhagaʼi. Ani iyyata koo fuula kee duratti nan dhiʼeeffadhaatii, mana Yoonaataan barreessaa sanaatti deebiftee na hin ergin; yoo ati na ergite ani achumatti duʼaatii.”
JER 37:21 Kana irratti Zedeqiyaa Mootichi akka Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa kaaʼamuu fi akka isaan hamma buddeenni magaalaa sanaa dhumutti guyyaa guyyaatti buddeena tokko tokko warra buddeena tolchan irraa fuudhanii isaaf kennan ajaje. Akkasiin Ermiyaas oobdii eegumsaa keessa ture.
JER 38:1 Shefaaxiyaa ilmi Mataan, Gedaaliyaas ilmi Phaashihuur, Yuukaal ilmi Shelemiyaatii fi Phaashihuur ilmi Malkiyaa waan Ermiyaas akkana jedhee saba hundatti hime dhagaʼan;
JER 38:2 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeen, beelaan yookaan dhaʼichaan ni duʼa; namni gara Baabilonotaatti baqatu kam iyyuu garuu ni jiraata. Inni lubbuu isaatiin ni baʼa; ni jiraatas.’
JER 38:3 Waaqayyo akkana jedha: ‘Magaalaan kun dhugumaan dabarfamtee harka waraana mootii Baabilonitti ni kennamti; innis ishee qabata.’ ”
JER 38:4 Kana irratti qondaaltonni sun mootichaan akkana jedhan; “Namichi kun ajjeefamuu qaba. Inni waan isaanitti dubbatuun loltoota magaalaa kana keessatti hafanii fi namoota hunda onnee dhabsiisa. Namichi kun saba kanaaf badiisa malee waan gaarii hin hawwu.”
JER 38:5 Zedeqiyaa Mootichi immoo, “Inni harkuma keessan keessa jira; mootiin isiniin mormee homaa gochuu hin dandaʼu” jedhee deebise.
JER 38:6 Kanaafuu isaan Ermiyaasin fuudhanii boolla bishaanii kan Malkiyaa ilma mootichaa keessa buusan; boolli bishaanii sunis oobdii eegumsaa keessa ture. Isaan funyoodhaan Ermiyaasin boolla sana keessa buusan; boolli sun dhoqqee malee bishaan hin qabu ture; Ermiyaasis dhoqqee keessa dhidhime.
JER 38:7 Garuu Ebeed-Melek qondaalli Itoophiyaa kan masaraa mootii keessa ture sun akka isaan Ermiyaasin boolla bishaanii keessa buusan dhagaʼe. Utuma mootichi Karra Beniyaam bira taaʼee jiruus,
JER 38:8 Ebeed-Melek masaraadhaa baʼee dhaqee akkana isaan jedhe;
JER 38:9 “Yaa gooftaa koo mooticha, jarri kun waan Ermiyaas raajicha godhan hundaan waan hamaa hojjetaniiru. Isaan akka inni beelaan duʼuuf yeroo buddeenni tokko iyyuu magaalaa keessa hin jirretti boolla bishaanii keessa isa buusan.”
JER 38:10 Mootichis ergasii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan, “Nama soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii utuu inni hin duʼin Ermiyaas raajicha boolla bishaanii keessaa baasi” jedhee ajaje.
JER 38:11 Kanaafuu Ebeed-Melek namoota sana fudhatee gara kutaa mankuusaa masaraa mootichaa keessaatiin jala jiru sanaa dhaqe. Innis darsaa fi wayyaa moofaa achii fudhatee funyoon gara boolla bishaaniitti Ermiyaasiif gad buuse.
JER 38:12 Ebeed-Melek namichi Itoophiyaa sunis Ermiyaasiin, “Akka funyoon si hin luqqisneef darsaa fi wayyaa moofaa bobaa kee jala kaaʼadhu” jedhe. Ermiyaasis akkasuma godhe;
JER 38:13 isaanis funyoo sanaan ol harkisanii boolla bishaanii keessaa isa baasan. Ermiyaasis oobdii eegumsaa keessa ture.
JER 38:14 Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasitti nama ergee gara balbala sadaffaa mana qulqullummaa Waaqayyootti isa fichisiise. Mootichis Ermiyaasiin, “Ani waa sin gaafadha; ati waan tokko illee na hin dhoksin” jedhe.
JER 38:15 Ermiyaasis Zedeqiyaadhaan, “Yoo ani deebii siif kenne, ati na hin ajjeeftuu? Yoo ani si gorse iyyuu ati na hin dhageessu” jedhe.
JER 38:16 Zedeqiyaa Mootichi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa jireenya nuu kenne sanaa ani si hin ajjeesu; warra lubbuu kee balleessuu barbaadanittis dabarsee si hin kennu” jedhee kakuu kana dhoksaatti Ermiyaasiif kakate.
JER 38:17 Kana irratti Ermiyaas deebisee Zedeqiyaadhaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni, inni Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennatte lubbuun kee duʼa ni oolfamti; magaalaan kunis hin gubamtu; atii fi maatiin kee ni jiraattu.
JER 38:18 Garuu yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennachuu baatte magaalaan kun dabarfamtee Baabilonotatti ni kennamti; isaanis ishee gubu; ati mataan kee iyyuu isaan jalaa hin baatu.’ ”
JER 38:19 Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasiin, “Ani Yihuudoota Baabilonotatti galan nan sodaadha; Baabilononni dabarsanii isaanitti na kennanii isaan immoo natti taphatuutii” jedhe.
JER 38:20 Ermiyaasis akkana jedhee deebise; “Isaan dabarsanii si hin kennan; ati waan ani sitti himu gochuudhaan Waaqayyoof ajajami. Yoos ati milkooftee lubbuun kees duʼa oolfamti.
JER 38:21 Garuu yoo ati harka kennachuu didde, Waaqayyo waan kana naa ibseera:
JER 38:22 Dubartoonni mana mootii Yihuudaa keessatti hafan hundi gara qondaaltota mootii Baabilonitti geeffamu. Dubartoonni sunis akkana jedhu: “ ‘Michoonni kee kanneen ati amanatte sun, si gowwoomsanii; si moʼatan. Miilli kee dhoqqee keessa lixe; michoonni kees si dhiisanii deeman.’
JER 38:23 “Niitonni keetii fi ijoolleen kee hundi Baabilonotatti geeffamu. Ati mataan kee iyyuu mootii Baabiloniin qabamta malee isaan harkaa hin baatu; magaalaan kunis ni gubamti.”
JER 38:24 Zedeqiyaan Ermiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii nu amma dubbanne kana namni tokko iyyuu hin beekin; yoo kanaa achii ati ni duutaa.
JER 38:25 Yoo qondaaltonni akka ani si wajjin haasaʼe dhagaʼanii si bira dhufanii, ‘Waan ati mootiidhaan jettee fi waan mootiin siin jedhe nutti himi; nu hin dhoksin; yoo kanaa achii nu si ajjeefnaa’ siin jedhan,
JER 38:26 ‘Ani akka inni gara mana Yoonaataanitti deebisee na ergee anis achitti hin duuneef mooticha kadhachaa ture’ jedhiin.”
JER 38:27 Ergasii qondaaltonni hundi dhufanii Ermiyaasin gaafatan; innis waan mootichi akka inni dubbatu isa ajaje hunda isaanitti hime. Sababii namni waan inni mooticha wajjin dubbate dhagaʼe tokko iyyuu hin turiniif, jarri waan kana caalaa homaa isatti hin dubbanne.
JER 38:28 Ermiyaasis hamma gaafa Yerusaalem qabamteetti oobdii eegumsaa sana keessa ture.
JER 39:1 Akki Yerusaalem itti fudhatamte kana ture: Bara Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa keessa jiʼa kurnaffaa waggaa saglaffaatti, Nebukadnezar mootichi Baabilon loltoota isaa hunda wajjin duulee Yerusaalemin marse.
JER 39:2 Bara Zedeqiyaa keessa bultii saglaffaa jiʼa afuraffaa waggaa kudha tokkoffaatti, dallaan magaalaa sanaa ni cabsame.
JER 39:3 Ergasii qondaaltonni mootii Baabilon hundi dhufanii Karra Giddu Galeessa dura tataaʼan; isaanis Nergaal-Sharezer namicha Samgaar, Neboo-Sarsekiim ajajaa hangafa, Nergaal-Sharezer shuumii hangafaa fi qondaaltota mootii Baabilon hundaa dha.
JER 39:4 Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaatii fi loltoonni hundi yommuu jara arganitti ni baqatan; isaanis halkaniin karaa biqiltuu mootichaatiin magaalaa keessaa baʼanii karra dallaa lamaan gidduutiin gara Arabbaatti qajeelan.
JER 39:5 Loltoonni Baabilonotaa garuu isaan ariʼanii dirree Yerikoo irratti Zedeqiyaa in qaqqaban. Isaanis isa qabanii Riiblaa Hamaati keessatti gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti geessan; mootichis achitti isatti mure.
JER 39:6 Mootiin Baabilonis achuma Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼee namoota Yihuudaa bebeekamoo hundas ajjeese.
JER 39:7 Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee Baabilonitti isa geessuuf foncaa naasiitiin isa hidhe.
JER 39:8 Baabilononnis masaraa mootiitii fi manneen sabaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan.
JER 39:9 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa, namoota magaalaa keessatti hafan, namoota isatti harka kennatanii fi namoota kaan wajjin boojiʼee Baabilonitti geesse.
JER 39:10 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun garuu hiyyeeyyii homaa hin qabne tokko tokko biyya Yihuudaatti hambise; innis yeroo sanatti iddoo dhaabaa wayiniitii fi lafa qotiisaa kenneef.
JER 39:11 Nebukadnezar mootichi Baabilon akkana jedhee karaa Nebuzaradaan ajajaa eegumsaa sanaatiin waaʼee Ermiyaas ajaja kenne:
JER 39:12 “Isa fuudhiitii akka gaarii kunuunsi; waan inni barbaadu kam iyyuu godhiif malee isa hin miidhin.”
JER 39:13 Kanaafuu Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Nebuushazbaan shuumiin hangafti, Nergaal-Sharezer shuumiin ol aanaan, akkasumas qondaaltonni mootii Baabilon kaan hundi
JER 39:14 ergamanii oobdii eegumsaa keessaa Ermiyaasin baasisan. Isaanis akka Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam mana isaatti isa geessuuf imaanaa itti kennan. Ermiyaasis akkasiin saba ofii isaa keessa jiraate.
JER 39:15 Utuma Ermiyaas oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe:
JER 39:16 “Dhaqiitii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani dubbii koo waan tolaadhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf magaalaa kana irratti fiixaan nan baasa. Yeroo sanatti wanni kun ijuma kee duratti fiixaan baʼa.
JER 39:17 Ani garuu gaafas sin oolcha, jedha Waaqayyo; ati dabarfamtee warra sodaattu sanatti hin kennamtu.
JER 39:18 Ani sin baasa; ati waan na amanattuuf lubbuu keetiin baata malee goraadeedhaan hin duutu, jedha Waaqayyo.’ ”
JER 40:1 Erga Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Raamaatti gad isa dhiisee booddee dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Ajajaan sun isaa boojiʼamtoota Yerusaalemii fi Yihuudaadhaa boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffamaa turan hunda gidduutti foncaan hidhamee jiru Ermiyaasin arge.
JER 40:2 Ajajaan eegumsaa sunis yommuu Ermiyaasin argetti akkana jedheen; “Waaqayyo Waaqni kee badiisa kana iddoo kanatti labseera.
JER 40:3 Waaqayyo amma iyyuu waan kana fideera; inni akkuma dubbate sana godheera. Sababii isin Waaqayyotti cubbuu hojjettanii fi isaaf hin ajajaminiif wanni kun hundi taʼe.
JER 40:4 Ani garuu harʼa foncaa harka keetii sirraa hiikeera. Ati yoo na wajjin Baabilon dhaquu feete kottu; anis sin kunuunsaa; yoo fedhuu baatte garuu hin dhufin. Kunoo biyyattiin guutumaan guutuutti fuula kee dura jirti; iddoo jaallatte dhaqi.”
JER 40:5 Taʼus utuu Ermiyaas of irra hin deebiʼin Nebuzaradaan itti dabalee, “Gara Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam isa mootichi Baabilon magaalaawwan Yihuudaa irratti muude sanaa deebiʼiitii isa wajjin saba keessa jiraadhu, yookaan iddoo jaallatte kam iyyuu dhaqi” jedheen. Akkasiin ajajaan eegumsaa sun galaa fi kennaa kenneefii gad isa dhiise.
JER 40:6 Kanaafuu Ermiyaas gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kan Miisphaa jiraatu sanaa dhaqee isa wajjin saba biyya sanatti hafe gidduu jiraate.
JER 40:7 Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii kanneen hamma yeroo sanaatti ala turan yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam sana bulchaa kutaa biyyaa godhee muudee fi akka inni dhiiraa dubartii fi ijoollee hiyyeeyyii kanneen boojiʼamanii gara Baabilonitti hin geeffamin irratti itti gaafatama kenneef dhagaʼanitti,
JER 40:8 Gedaaliyaas bira gara Miisphaa dhufan. Isaanis Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa, Yoohaanaanii fi Yoonaataan ilmaan Qaareyaa, Seraayaa ilma Tanhumeeti, ilmaan Eefayi namicha Netoof sanaatii fi Yezaaniyaa ilma namicha Maʼakaat, akkasumas namoota isaanii turan.
JER 40:9 Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam akkana jedhee isaanii fi namoota isaaniitiif kakate; “Baabilonota tajaajiluu hin sodaatinaa; biyyattii keessa qubadhaatii mooticha Baabilon tajaajilaa; waan gaariitu isinii taʼaatii.
JER 40:10 Ani mataan koo fuula Baabilonota gara keenya dhufanii duratti iddoo keessan buʼuuf Miisphaa keessa nan tura; isin garuu wayinii, ija bonaatii fi zayitii walitti qabaatii gombisaatti naqadhaa; magaalaawwan qabattan keessas jiraadhaa.”
JER 40:11 Yihuudoonni Moʼaab, Amoon, Edoomii fi biyyoota biraa hunda keessa jiraatan hundi yommuu akka mootiin Baabilon Yihuudaa keessatti hambaa hambisee fi akka inni Gedaaliyaas ilma Shaafaan ilma Ahiiqaam bulchaa godhee isaan irratti muude dhagaʼanitti,
JER 40:12 hundi isaanii biyyoota itti bittinnaaʼan hunda keessaa baʼanii Yihuudaatti deebiʼanii Miisphaatti Gedaaliyaas bira dhufan. Isaanis wayinii fi ija bonaa baayʼee walitti qabatan.
JER 40:13 Yeroo kanatti Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota ala turanii hundi Gedaaliyaas bira Miisphaa dhaqanii,
JER 40:14 akkana jedhaniin; “Ati akka mootiin Amoonotaa Baʼaaliis jedhamu sun si ajjeesuuf jedhee, Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa erge hin beektuu?” Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu isaan hin amanne.
JER 40:15 Kana irratti Yoohaanaan ilmi Qaareyaa Miisphaa keessatti Gedaaliyaasin kophaatti baasee akkana jedheen; “Akka ani dhaqee Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa sana ajjeesu naa eeyyami; namni tokko iyyuu waan kana hin beeku. Inni maaliif si ajjeesee akka Yihuudoonni naannoo keetti walitti qabaman hundi bittinneeffamanii hambaan Yihuudaas barbadaaʼu godha?”
JER 40:16 Gedaaliyaas ilmi Ahiiqaam garuu, Yoohaanaan ilma Qaareyaatiin, “Ati waan akkasii hin hojjetin! Wanni ati waaʼee Ishmaaʼeel dubbattu kun dhugaa mitii” jedhe.
JER 41:1 Jiʼa torbaffaa keessa Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa, ilma Eliishaamaa kan sanyii moototaa irraa dhalatee fi ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ture sun namoota kudhan wajjin Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam bira Miisphaa dhufe. Achittis utuma wajjin waa nyaatanuu
JER 41:2 Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni kurnan isa wajjin turan sun kaʼanii goraadeedhaan Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan isa mootiin Baabilon bulchaa kutaa biyyaa godhee muude sana rukutanii ajjeesan.
JER 41:3 Ishmaaʼeel akkasumas Yihuudoota Gedaaliyaas wajjin Miisphaa turan hundaa fi loltoota Baabilonotaa kanneen achi turan illee ni fixe.
JER 41:4 Gedaaliyaas ajjeefamee guyyaa itti aanutti utuu namni tokko iyyuu hin beekin,
JER 41:5 namoonni areeda isaanii haaddatanii, wayyaa isaanii tatarsaasanii, of cicciran Saddeettamni kennaa midhaaniitii fi ixaana qabatanii Sheekemii, Shiiloo fi Samaariyaadhaa gara mana Waaqayyoo dhufan.
JER 41:6 Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas jara simachuuf Miisphaadhaa booʼaa gad baʼe. Yommuu isaan argettis “Gara Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam kottaa” jedheen.
JER 41:7 Yeroo isaan magaalaa sana seenanitti immoo Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoonni isa wajjin turan jara sana gogorraʼanii boolla bishaaniitti gad darbatan.
JER 41:8 Namoonni utuu hin ajjeefamin hafan kudhan garuu Ishmaaʼeeliin, “Nu hin ajjeesin! Nu qamadii fi garbuu, zayitii fi damma lafa qotiisaa keessa dhokfanne qabnaatii” jedhan. Kanaafuu inni gad isaan dhiise; warra kaan wajjinis isaan hin ajjeefne.
JER 41:9 Boolli bishaanii Ishmaaʼeel reeffa namoota Gedaaliyaas wajjin ajjeefaman sanaa hunda itti naqe sun boolla bishaanii Aasaan Mootichi ittiin Baʼishaan mooticha Israaʼel of irraa dhowwuuf hojjetate ture. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa boolla bishaanii sana reeffa namaatiin guute.
JER 41:10 Ishmaaʼeel namoota Miisphaa keessaa hafan hunda intallan mootichaatii fi warra achitti hafan kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isaan irratti shuumee ture hunda boojiʼe. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas isaan fudhatee gara Amoonotaatti ceʼuuf kaʼee qajeele.
JER 41:11 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa kanneen isa wajjin turan hundi yeroo waaʼee yakka Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa hojjete hundaa dhagaʼanitti
JER 41:12 namoota isaanii hunda fudhatanii Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa loluu dhaqan. Isaanis haroo Gibeʼoon guddicha biratti isa qaqqaban.
JER 41:13 Namoonni Ishmaaʼeel wajjin turan hundi yommuu Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin turan arganitti ni gammadan.
JER 41:14 Namoonni Ishmaaʼeel Miisphaadhaa boojiʼee ture hundis isa biraa deebiʼanii gara Yoohaanaan ilma Qaareyaa dhaqan.
JER 41:15 Garuu Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoota isaa keessaa saddeeti Yoohaanaan jalaa miliqanii gara Amoonotaatti baqatan.
JER 41:16 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota warri isa wajjin turan hundi namoota Miisphaa warra Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa erga Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ajjeesee booddee boojiʼe kaan hunda fuudhanii deeman; isaanis loltoota, dubartoota, ijoollee fi qondaaltota mana murtii kanneen Yoohaanaan Gibeʼoonii deebisee fidee dha.
JER 41:17 Isaanis achii kaʼanii gara Gibxitti qajeeluudhaan Beetlihem biratti Geeroti Kimhaam keessa boqotan;
JER 41:18 kunis Baabilonota jalaa miliquuf ture. Isaan sababii Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti bulchaa godhee shuume sana ajjeeseef jara sodaatan.
JER 42:1 Ergasii ajajjoonni waraanaa hundi Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi Yezaaniyaa ilma Hooshaʼiyaa dabalatee, namni hundi, xinnaa guddaan dhufanii
JER 42:2 Ermiyaas raajichaan akkana jedhan; “Maaloo kadhaa keenya dhagaʼiitii hambaa kana hundaaf Waaqayyo Waaqa kee kadhadhu. Nu dur baayʼee turre; amma garuu akkuma ati argitu kana nu nama muraasa qofattu hafe.
JER 42:3 Akka Waaqayyo Waaqni kee gara nu dhaquu qabnuu fi waan nu gochuu qabnu nutti himuuf nuu kadhadhu.”
JER 42:4 Ermiyaas raajichis, “Ani isin dhagaʼeera; akkuma isin na gaafattan sana ani dhugumaan Waaqayyo Waaqa keessan nan kadhadha. Waan Waaqayyo dubbatu hundas isinitti nan hima; waan tokko illees isin hin dhoksu” jedhee deebise.
JER 42:5 Jarris Ermiyaasiin akkana jedhan; “Yoo nu akkuma Waaqayyo Waaqni kee akka ati nutti himtuuf si erge sana gochuu baanne Waaqayyo mataan isaa dhuga baatuu dhugaatii fi amanamaa nutti haa taʼu.
JER 42:6 Akka yeroo nu dubbii Waaqayyo Waaqa keenyaatiif ajajamnutti wanni hundi nutti toluuf yoo wanni sun jaallatamaa yookaan jibbamaa taʼe illee nu dubbii Waaqayyo Waaqa keenyaa kan itti si erganne sanaatiif ni ajajamna.”
JER 42:7 Dubbiin Waaqayyoos guyyaa kudhan booddee gara Ermiyaas dhufe.
JER 42:8 Kanaafuu inni Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa wajjin turan hunda, akkasumas nama xinnaa guddaa hunda walitti waame.
JER 42:9 Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni isin akka ani iyyata keessan itti isinii dhiʼeessuuf itti na ergitan sun akkana jedha:
JER 42:10 ‘Yoo biyya kana keessa turtan, ani isinan ijaara malee isin hin diigu; ani isinan dhaaba malee isin hin buqqisu; ani badiisa isinitti fide sanaaf gaabbeeraatii.
JER 42:11 Mootii Baabilon isa amma sodaattan kana hin sodaatinaa. Ani isin baraaree harka isaatii isin baasuuf isin wajjin jiraatii. Isa hin sodaatinaa, jedha Waaqayyo.
JER 42:12 Ani akka inni garaa isinii laafee biyya keessanitti isin deebisuuf garaa isiniif nan laafa.’
JER 42:13 “Garuu yoo isin, ‘Nu biyya kana keessa hin turru’ jettanii akkasiin Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamuu diddan,
JER 42:14 amma illee yoo isin, ‘Hin taʼu, nu biyya Gibxi keessa iddoo itti waraana hin argine yookaan malakata hin dhageenye yookaan iddoo itti hin beelofne sana dhaqnee achi jiraanna’ jettan,
JER 42:15 egaa yaa hambaa Yihuudaa, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo isin biyya Gibxitti galuu barbaaddanii achi jiraachuu dhaqxan,
JER 42:16 goraadeen isin sodaattan sun achumatti isin argata; beelli isin sodaattanis hamma Gibxitti isin faana buʼa; isinis achitti dhumtu.
JER 42:17 Dhugumaan warri biyya Gibxitti galanii achi qubachuu barbaadan hundi goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan dhumu; isaan keessaa namni badiisa ani isaanitti fidu jalaa baʼu yookaan miliqu tokko iyyuu hin jiru.’
JER 42:18 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Akkuma aariin koo fi dheekkamsi koo warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti dhangalaʼe sana, yoo isin biyya Gibxitti galtan dheekkamsi koo isin irratti ni dhangalaʼa. Isinis waan abaarsaa, waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa ni taatu; iddoo kana illee gonkumaa deebitanii hin argitan.’
JER 42:19 “Yaa hambaa Yihuudaa Waaqayyo, ‘Biyya Gibxi hin dhaqinaa’ isiniin jedheera. Waan kana qalbeeffadhaa: Ani harʼa isin akeekkachiisaatii;
JER 42:20 Isin gaafa ‘Waaqayyo Waaqa keenya nuu kadhadhu; waan inni dubbate hundas nutti himi; nus ni ajajamnaaf’ jettanii gara Waaqayyo Waaqa keessanii na ergitan sana balleessaa guddaa hojjettan.
JER 42:21 Ani harʼa isinitti himeera; isin garuu waan inni akka ani isinitti himuuf na erge sana hundaan Waaqayyo Waaqa keessaniif hin ajajamne.
JER 42:22 Kanaafuu isin amma waan kana qalbeeffadhaa: Isin iddoo jiraachuu dhaquu feetan sana keessatti goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumtu.”
JER 43:1 Erga Ermiyaas dubbii Waaqayyo Waaqa isaanii kan Waaqayyo akka inni nama hundatti himuuf isa erge sana dubbatee fixee booddee,
JER 43:2 Azaariyaa ilmi Hooshaʼiyaa, Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi namoonni of tuulan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan; “Ati ni sobda! Waaqayyo Waaqni keenya akka ati, ‘Isin achi jiraachuuf jettanii biyya Gibxi dhaquu hin qabdan’ jettuuf si hin ergine.
JER 43:3 Baaruk ilmi Neeriyaa garuu akka ati akka isaan nu fixaniif yookaan boojiʼanii Baabilonitti nu geessaniif dabarsitee harka Baabilonotaatti nu kennituuf si kakaasaa jira.”
JER 43:4 Kanaafuu Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundii fi sabni hundi ajaja Waaqayyo akka isaan biyya Yihuudaa turaniif kenneef sana didan.
JER 43:5 Qooda kanaa Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundi hambaa Yihuudaa kanneen biyyoota itti bibittinneeffaman hunda keessaa deebiʼanii biyya Yihuudaa keessa jiraachuuf dhufan hunda fudhatanii deeman.
JER 43:6 Akkasumas dhiiraa dubartii, ijoollee fi intallan mootii kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan, Ermiyaas raajichaa fi Baaruk ilma Neeriyaa biratti dhiise sana hunda fudhatanii deeman.
JER 43:7 Isaanis akkasiin Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan biyya Gibxitti galanii hamma Tahiphaanhees keessa lixan.
JER 43:8 Tahiphaanheesittis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
JER 43:9 “Dhagaa gurguddaa guuriitii balbala masaraa Faraʼoon kan Tahiphaanhees jiru sanaa biratti utuma Yihuudoonni ilaalanuu afaa suphee keessatti awwaali.
JER 43:10 Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani tajaajilaa koo Nebukadnezar mooticha Baabilonitti nama ergee nan waama; teessoo isaa illee dhagaa asitti awwaale kana irra nan dhaaba; innis dunkaana mootummaa ofii isaa isa irratti ni diriirfata.
JER 43:11 Inni dhufee Gibxin ni lola; warra duʼaaf ramadamanitti duʼa, warra boojuuf ramadamanitti boojuu, warra goraadeef ramadamanitti goraadee ni fida.
JER 43:12 Inni manneen waaqeffannaa waaqota Gibxitti ibidda qabsiisa; manneen waaqeffannaa isaanii gubee waaqota isaanii tolfamoo illee boojiʼa. Akkuma Tikeen tokko wayyaa marxifattu sana innis biyya Gibxi marxifatee nagumaanis achii deema.
JER 43:13 Inni achuma galma waaqeffannaa aduu biyya Gibxi keessatti utuboota waaqeffannaa caccabsee galma waaqeffannaa waaqota Gibxii illee ni guba.’ ”
JER 44:1 Dubbiin waaʼee Yihuudoota biyya Gibxi keessa jechuunis Migdool, Tahiphaanhees, Memfiisii fi Phaxroos keessa jiraatan hundaa dubbatu kun akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe;
JER 44:2 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin badiisa guddaa ani Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa hundatti fide sana argitaniirtu. Kunoo, isaan harʼa onaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu;
JER 44:3 kunis sababii hammina isaan hojjetaniitiif taʼe. Isaan ixaana aarsuu fi waaqota isaan yookaan isin yookaan abbootiin keessan hin beekin biraa waaqeffachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan.
JER 44:4 Anis, ‘Waan jibbisiisaa ani hin jaallanne kana hin hojjetinaa!’ jedhee tajaajiltoota koo raajota ammumaa amma isaanitti erge.
JER 44:5 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan gurra hin kennineef; isaan hammina isaanii irraa hin deebine yookaan waaqota biraatiif ixaana aarsuu hin dhiifne.
JER 44:6 Kanaafuu dheekkamsi koo sodaachisaan sun dhangalaʼee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti bobaʼe; isaanis akkuma harʼa taʼee jiru kana ni barbadaaʼan; ni onanis.
JER 44:7 “Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin maaliif dhiiraa fi dubartii, ijoollee fi daaʼimman Yihuudaa irraa kuttanii badiisa guddaa akkanaa ofitti fiduudhaan hambaa malee of hambiftu?
JER 44:8 Isin maaliif biyya Gibxi, lafa keessa jiraachuuf dhuftanitti waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftu? Isin ofuma balleessitanii saboota lafa irraa hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan fafaa of gootu.
JER 44:9 Isin hammina abbootiin keessan, mootonni Yihuudaatii fi niitonni isaanii hojjetan, akkasumas hammina isinii fi niitonni keessan biyya Yihuudaattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjettan sana ni irraanfattanii?
JER 44:10 Isaan hamma harʼaatti gad of hin qabne yookaan na hin sodaanne yookaan seera kootii fi qajeelfama koo kan ani fuula keessanii fi fuula abbootii keessanii dura kaaʼe sana duukaa hin buune.
JER 44:11 “Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani badiisa isinitti fiduu fi Yihuudaa hunda balleessuuf kutadheera.
JER 44:12 Ani hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi dhaqanii achi jiraachuu murteeffatan nan balleessa. Isaan hundi Gibxitti dhumu; isaan goraadeedhaan kukkufu yookaan beelaan dhumu. Xinnaa guddaan isaanii goraadeedhaan yookaan beelaan duʼa. Isaan waan abaarsaatii fi waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa taʼu.
JER 44:13 Ani akkuma Yerusaalemin adabe sana warra Gibxi keessa jiraatan illee goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba.
JER 44:14 Hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuu dhaqan keessaa namni miliqu yookaan biyya Yihuudaa kan achi jiraachuuf hawwan sanatti deebiʼu tokko iyyuu hin jiru; baqattoota tokko tokko malee isaan hin deebiʼaniitii.”
JER 44:15 Ergasiis namoonni akka niitonni isaanii waaqota biraatiif ixaana aarsan beekan hundii fi dubartoonni achi turan, walumatti waldaan guddaan tokkoo fi namoonni biyya Gibxi keessa Phaxroos jiraatan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan;
JER 44:16 “Nu dubbii ati maqaa Waaqayyootiin nutti dubbatte sana hin dhageenyu!
JER 44:17 Nu waan ni hojjenna jenne hunda dhugumaan ni hojjenna: Akkuma nuu fi abbootiin keenya, mootonni keenyaa fi qondaaltonni keenya magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti goone sana nu Mootittii Samiitiif ixaana ni aarsina; dhibaayyuus ni dhibaafanna. Nu yeroo sanatti nyaata akka malee baayʼee qabna turre; haala tolaa keessa jiraanne malee hin miidhamne.
JER 44:18 Erga Mootittii Samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu dhibaafachuu dhiifne garuu nu goraadee fi beelaan dhumaa jirra malee homaa hin arganne.”
JER 44:19 Dubartoonnis kana irratti, “Yeroo nu Mootittii Samiitiif ixaana aarsinee dhibaayyuu illee dhibaafanneef sana akka nu fakkii isheetiin keekii tolchinee dhibaayuu dhibaafannuuf dhirsoonni keenya ni beeku mitii?” jedhan.
JER 44:20 Ermiyaas uummata deebii isaaf kennaa ture dhiiraa dubartii hundaan akkana jedhe;
JER 44:21 “Waaqayyo waaʼee ixaana isinii fi abbootiin keessan, mootonni keessanii fi qondaaltonni keessan, sabni biyyattiis magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem keessatti aarsitan sanaa yaadatee garaatti hin qabannee?
JER 44:22 Yeroo Waaqayyo hojii keessan hamaa fi waan jibbisiisaa isin hojjettan sana argee obsuu dadhabetti biyyi keessan akkuma amma jirtu kana waan abaarsaatii fi ona duwwaa namni keessa hin jiraanne taʼee hafe.
JER 44:23 Sababii isin ixaana aarsitanii Waaqayyotti cubbuu hojjettanii fi isaaf ajajamuu diddaniif yookaan seera isaa yookaan labsii isaa yookaan qajeelfama isaa illee duukaa buʼuu diddaniif balaan kun akkuma isin amma argitan kana isinitti dhufe.”
JER 44:24 Ermiyaasis saba hundaa fi dubartoota hundaan akkana jedhe; “Isin sabni Yihuudaa warri biyya Gibxi keessa jiraattan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
JER 44:25 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isinii fi niitonni keessan waan, ‘Nu dhugumaan wareega waaqittii samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu illee dhibaafachuuf wareegne sana ni guunna’ jettanitti waadaa galtan sana hojiidhaan argisiiftaniirtu. “Egaa ittuma fufaatii waan waadaa galtan sana raawwadhaa! Wareega keessanis guutadhaa!
JER 44:26 Isin Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraattan hundi garuu dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: Waaqayyo akkana jedha; ‘Akka namni Yihuudaadhaa dhufee biyya Gibxi keessa eessa iyyuu jiraatu tokko iyyuu lammata maqaa koo hin dhoofne yookaan, “Dhugaa Waaqayyo Goofticha jiraataa” jedhee hin kakanneen ani maqaa koo guddaadhaan nan kakadha.
JER 44:27 Ani waan hamaaf isaan ilaalaan jira malee waan tolaaf isaan ilaalaa hin jiruutii; Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraatan hamma hundi isaanii barbadeeffamanitti goraadee fi beelaan dhumu.
JER 44:28 Warri goraadee jalaa miliqanii biyya Gibxii gara Yihuudaatti deebiʼan akka malee xinnoo taʼu. Gaafas hambaawwan Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuuf dhufan guutuun akka dubbiin kootii fi kan isaanii keessaa kan eenyuu fiixaan baʼu ni beeku.
JER 44:29 “ ‘Akka ani iddoo kanatti isin adabu wanni kun mallattoo isiniif taʼa;’ jedha Waaqayyo; ‘kunis akka isin akka dubbiin koo dhugumaan isiniin mormee dhaabatu beektaniif.’
JER 44:30 Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani akkuma Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa dabarsee diina lubbuu isaa galaafachuu barbaadutti Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kenne sana Faraʼoon Hofraa mooticha Gibxi illee dabarsee diinota isaa warra lubbuu isaa galaafachuu barbaadanitti nan kenna.’ ”
JER 45:1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas raajichi Baarukitti himes kanaa dha:
JER 45:2 “Yaa Baaruk, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana siin jedha:
JER 45:3 ati, ‘Anaaf wayyoo! Waaqayyo dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette.
JER 45:4 Waaqayyo akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Waaqayyo akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa.
JER 45:5 Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Waaqayyo.’ ”
JER 46:1 Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee sabootaatiif gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:
JER 46:2 Waaʼee Gibxi: Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa, waggaa afuraffaatti ergaan kun gara waraana Faraʼoon Nekkoo mooticha Gibxi kan Nebukadnezar mootichi Baabilon laga Efraaxiis biratti Karkemiishitti moʼate sanaa dhufe:
JER 46:3 “Gaachana keessan xinnaa fi guddaa qopheeffadhaatii lolaaf baʼaa!
JER 46:4 Fardeen feʼadhaa; isaan yaabbadhaas! Qoobii sibiilaa kaaʼadhaatii iddoo iddoo keessan qabadhaa. Eeboo keessan qaradhaa; qomee sibiilaa illee uffadhaa!
JER 46:5 Ani maal argaan jira? Isaan naʼanii jiru; dugda duubatti deebiʼaa jiru; gootonni isaanii moʼatamaniiru. Isaan utuu of duuba hin milʼatin ariitiin baqatu; qixa hundaanuu gooliitu jira” jedha Waaqayyo.
JER 46:6 “Fiigaan baqachuu hin dandaʼu; yookaan namni jabaan jalaa hin baʼu. Isaan karaa kaabaatiin Laga Efraaxiis biratti guggufatanii kukkufu.
JER 46:7 “Kan akka Abbayyaa, akka laga bishaan isaa cabsee yaaʼuu ol kaʼu kun eenyu?
JER 46:8 Gibxi akkuma Abbayyaa, akkuma laga bishaan isaa cabsee yaaʼuutti ol kaati. Isheenis, ‘Ani ol kaʼee lafa nan haguuga; magaalaawwanii fi saba isaanii nan balleessa’ jetti.
JER 46:9 Yaa fardeen, isin garmaamaa! Yaa gaariiwwan, isinis guulaa! Yaa gootota Itoophiyaatii fi Fuuxi warri gaachana baattan, yaa namoota Luudi warri iddaa qabattan kaʼaatii fuula duratti qajeelaa.
JER 46:10 Guyyaan sun garuu guyyaa Gooftaa, kan Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, guyyaa haaloo baʼuu, kan inni itti diinota isaa haaloo baafatuu dha. Goraadeen hamma quufutti, hamma dheebuu dhiigaan baʼutti nyaata. Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu biyya kaabaa keessatti, Laga Efraaxiis biratti aarsaa dhiʼeessaatii.
JER 46:11 “Yaa Gibxi durba qulqullittii, Giliʼaaditti ol baʼiitii qoricha fudhadhu. Ati akkasumaan qoricha hedduutti fayyadamta; garuu hin fayyitu.
JER 46:12 Saboonni qaanii kee ni dhagaʼu; booʼichi kee lafa guuta. Goonni tokko goota kaanitti gufata; isaan lamaanuu wal qabatanii kufu.”
JER 46:13 “Dubbiin Waaqayyo akka Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Gibxi dhaʼu Ermiyaas raajichatti dubbate kanaa dha:
JER 46:14 “Waan kana Gibxi keessatti dubbadhu; Migdoolittis labsi; Memfiisii fi Tahiphaanhees keessatti illee akkana jedhaa labsaa: ‘Goraadeen warra naannoo keessan jiru ni fixaatii isin iddoo iddoo keessan qabadhaatii qophaaʼaa.’
JER 46:15 Gootonni kee maaliif kufanii diriiru? Sababii Waaqayyo gad isaan qabuuf isaan dhaabachuu hin dandaʼan.
JER 46:16 Isaan ammumaa amma gufatu; wal irrattis kukkufu. Isaanis, ‘Kaʼaa goraadee cunqursaa jalaa baanee gara saba keenyaattii fi biyya itti dhalannetti ni deebinaa’ waliin jedhu.
JER 46:17 Isaan achitti, ‘Faraʼoon mootichi Gibxi waca qofa; inni carraa ofii isaa dhabeera’ jedhanii iyyu.
JER 46:18 “Dhugaa ana jiraataa” jedha mootichi inni maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun “kan gaarran keessaa Taaboor fakkaatu, inni galaana cinatti Qarmeloosin fakkaatu tokko ni dhufa.
JER 46:19 Ati kan Gibxi keessa jiraattu, waan qabdu walitti qabadhuutii baqaaf qophaaʼi; Memfiis ontee diigamtee jiraattota malee haftiitii.
JER 46:20 “Gibxi goromsa bareedduu dha; garuu qarxaasaan biyya kaabaatii isheetti ni dhufa.
JER 46:21 Loltoonni isheen kiraadhaan bitattee gidduu ishee jiranis akkuma jiboota cocoomanii ti. Sababii guyyaan badiisaa, yeroon itti isaan adabaman isaanitti dhufeef isaanis garagalanii walumaan ni baqatu; iddoo isaanii dhaabatanii of irraa deebisuu hin dandaʼan.
JER 46:22 Gibxi yeroo diinni isheetti dhufutti akkuma bofa waa baqatuu siiqsiti; isaan akkuma namoota muka muraniitti qottoo qabatanii isheetti dhufu.
JER 46:23 Yoo inni hamma fedhe gobbate iyyuu, isaan bosona ishee ciranii balleessu” jedha Waaqayyo. “Isaan hawwaannisa caalaa baayʼatu; lakkaaʼamuus hin dandaʼan.
JER 46:24 Intalli Gibxi ni qaaneffamti; dabarfamtees namoota kaabaatti ni kennamti.”
JER 46:25 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani Aamoon Waaqa Tebesitti, Faraʼoonitti, Gibxittii fi Waaqa isheetti, mootota isheettii fi warra Faraʼoonin amanatanitti adabbii nan fida.
JER 46:26 Ani dabarsee warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanitti, jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonittii fi qondaaltota isaatti isaan kenna. Ergasii garuu Gibxi akkuma durii lafa namni keessa jiraatu ni taati” jedha Waaqayyo.
JER 46:27 “Yaa Yaaqoob tajaajilaa ko, ati hin sodaatin; yaa Israaʼel atis hin naʼin. Ani lafa fagootii sin baasa; sanyii kee immoo biyya isaan itti boojiʼamanii nan fida. Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
JER 46:28 Yaa Yaaqoob garbicha ko, ati hin sodaatin; anis si wajjinan jiraatii” jedha Waaqayyo. “Ani yoo saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse sana guutumaan guutuutti balleesse iyyuu ani guutumaan guutuutti si hin balleessu. Ani sin adaba; garuu qajeelummaa qofaan; akka ati utuu hin adabaminuu gad dhiifamtu hin godhu.”
JER 47:1 Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:
JER 47:2 Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira; bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa. Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru, magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala. Uummanni ni booʼa; warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;
JER 47:3 kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii, girrisa gaariiwwan diinaatii fi qaqawweessa goommaa isaaniitiif. Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan; harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.
JER 47:4 Filisxeemota hunda balleessuuf hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa gargaaruuf hafan hundas balleessuuf guyyaan sun dhufeeraatii. Waaqayyo Filisxeemota, hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.
JER 47:5 Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti; Ashqaloon ni calʼisti. Yaa hambaa dirree irraa isin hamma yoomiitti of ciccirtu?
JER 47:6 “Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyoo ati hamma yoomiitti hin boqonne? Manʼee keetti deebiʼi; calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.
JER 47:7 Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu, yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti inni akkamitti boqochuu dandaʼa?”
JER 48:1 Waaʼee Moʼaab: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Neboof wayyoo; isheen ni diigamtiitii. Kiriyaataayimis ni salphatti; ni qabamti; daʼoowwan ishees ni qaaneffamu; ni diigamus.
JER 48:2 Moʼaab siʼachi hin jajamtu; namoonni Heshboon keessatti, ‘Kottaa saba sana ni balleessinaa’ jedhanii waaʼee kufaatii ishee mariʼatu. Yaa magaalaa Maadmeen jedhamtu atis ni calʼista; goraadeen si ariʼaatii.
JER 48:3 Iyya Hooronaayimii dhufu, iyya barbadaaʼuu fi badiisaa guddaa dhagaʼaa!
JER 48:4 Moʼaab ni cabdi; ijoolleen ishees ni booʼu.
JER 48:5 Isaan akka malee booʼaa, Luuhiitiitti ol baʼu; karaa gara Hooronaayimitti gad buusu irratti iyya badiisaa dhagaʼu.
JER 48:6 Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa; akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa.
JER 48:7 Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif, boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu; Kemooshis luboota isaatii fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama.
JER 48:8 Balleessituun sun magaalaa hundatti ni dhufa; magaalaan tokko iyyuu isa jalaa hin baʼu. Sababii Waaqayyo dubbateef sululli ni bada; dirreenis ni barbadeeffama.
JER 48:9 Moʼaabitti soogidda firfirsi; isheen ni baddiitii; magaalaawwan ishees nama isaan keessa jiraatu dhabanii onu.
JER 48:10 “Namni garaa hirʼuudhaan hojii Waaqayyoo hojjetu abaaramaa haa taʼu! Namni goraadee isaatiin dhiiga dhangalaasuu didus abaaramaa haa taʼu!
JER 48:11 “Moʼaab akkuma daadhii wayinii kan siicoo isaa irratti hafe kan okkotee tokko keessaa gara okkotee kaaniitti gara hin galfaminii ijoollummaa isheetii jalqabdee boqochaa turte; boojiʼamtees hin fudhatamne. Kanaafuu isheen akkuma durii miʼoofti; urgaan ishees hin geeddaramne.
JER 48:12 Garuu barri ani itti namoota okkotee keessaa dhangalaasan ergu tokko ni dhufa. Isaanis gad ishee naqu; okkotee ishee duwwaa hambisanii gaanii ishee cabsu” jedha Waaqayyo.
JER 48:13 “Yoos akkuma manni Israaʼel yeroo Beetʼeelin amanatetti qaanaʼe sana Moʼaabis Kemooshitti ni qaanaʼa.
JER 48:14 “Isin akkamiin ‘Nu gootota; nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu?
JER 48:15 Moʼaab ni barbadoofti; magaalaawwan ishees ni qabatamu; dargaggoonni ishee filatamoon gara qalmaatti geeffamu” jedha Mootichi maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu jedhamu sun.
JER 48:16 “Kufaatiin Moʼaab gaʼeera; badiisni ishees dafee ni dhufa.
JER 48:17 Warri naannoo ishee jiraatan hundi, warri maqaa ishee beektan hundi ‘Bokkuun jabaan sun akkamitti cabe! Uleen ulfina qabeessi sun akkamitti cabe!’ jedhaa booʼaafii.
JER 48:18 “Yaa jiraattuu Diiboon, ulfina kee irraa gad buʼiitii lafa goggogaa irra taaʼi! Barbadeessaan Moʼaab sun sitti dhufee magaalaawwan kee kanneen dallaa jabaan marfaman ni diigaatii.
JER 48:19 Ati kan Aroʼeer keessa jiraattu, karaa cina dhaabadhuutii ilaali. Dhiira baqatuu fi dubartii miliqxu gaafadhu; ‘Maaltu dhalate?’ jedhii isaan gaafadhu.
JER 48:20 Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti. Wawwaadhuu booʼi! Arnoon biratti akka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi.
JER 48:21 Murtiin dirree ol kaʼaatti: Hooloonitti, Yaahizaa fi Meefiʼaatti,
JER 48:22 Diiboonitti, Neboo fi Beet Diblaataayimitti,
JER 48:23 Kiriyaataayimitti, Beet Gaamulii fi Beet Meʼoonitti,
JER 48:24 Keriiyoottii fi Bozraatti, magaalaawwan Moʼaab kanneen fagoo fi dhiʼoo jiran hundatti dhufeera.
JER 48:25 Gaanfi Moʼaab irraa murameera; irreen ishees caccabeera” jedha Waaqayyo.
JER 48:26 “Waan isheen Waaqayyotti koorteef dhugaatiidhaan ishee macheessaa. Moʼaab diddiga ofii ishee irra haa gangalattu; waan qoosaas haa taatu.
JER 48:27 Israaʼel si duratti waan qoosaa hin turree? Akka ati yeroo waaʼee ishee dubbattu hunda tuffiidhaan mataa kee isheetti raaftuuf isheen hattoota gidduutti qabamtee?
JER 48:28 Isin warri Moʼaab keessa jiraattan, magaalaawwan keessan keessaa baʼaatii kattaawwan keessa jiraadhaa. Akkuma gugee mana ishee afaan holqaatti ijaarrattuu taʼa.
JER 48:29 “Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaab jechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee, of tuuluu fi of jajuu ishee, of bokoksuu ishee dhageenyeerra.
JER 48:30 Ani addaggummaa Moʼaab beeka; garuu faayidaa hin qabaatu” jedha Waaqayyo; “Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf”
JER 48:31 Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha; Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa; ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda.
JER 48:32 Yaa muka wayinii Sibimaa, ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa. Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte; isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti. Balleessituun sun ija kee bilchaataa fi hurbuu wayinii keetii irra buʼeera.
JER 48:33 Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaa midhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera. Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera; namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu. Wacni yoo jiraatee illee inni waca gammachuu miti.
JER 48:34 “Sababii bishaan Niimriim gogeef, sagaleen iyya isaanii ol kaʼee, Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti, Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaatti ni dhagaʼama ture.
JER 48:35 Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti aarsaa dhiʼeessanii waaqota isaaniif ixaana aarsan Moʼaab keessaa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
JER 48:36 “Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa; akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa. Qabeenyi isaan horatan duraa badeera.
JER 48:37 Mataan hundinuu haadamee hareedni hundinuu cirameera; harki hundinuu muramee mudhiin hundis wayyaa gaddaatiin hidhameera.
JER 48:38 Waan ani akkuma okkotee namni tokko iyyuu hin feeneetti Moʼaabin caccabseef bantii mana Moʼaab hunda irraa fi oobdii sabaa keessa booʼicha malee wanni tokko iyyuu hin jiru” jedha Waaqayyo.
JER 48:39 “Isheen akkam akkas caccabde! Isaan akkam akkas wawwaatu! Moʼaab akkam akkas dugda ishee qaaniidhaan garagalfatte! Moʼaab waan kolfaa taatee, warra naannoo ishee jiraatan hundaaf waan sodaa taateerti.”
JER 48:40 Waaqayyo akkana jedha: “Ilaa! Risaan tokko Moʼaab irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira.
JER 48:41 Keriiyooti ni qabamti; daʼannoon ishee jajjaboonis ni fudhatamu. Bara sana keessa garaan loltoota Moʼaab akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
JER 48:42 Moʼaab sababii Waaqayyoon tuffatteef barbadooftee saba taʼuun ishee ni hafa.
JER 48:43 Yaa saba Moʼaab sodaan, boollii fi kiyyoon si eeggata” jedha Waaqayyo.
JER 48:44 “Namni sodaa sana duraa baqatu kam iyyuu boolla keessa buʼa; namni boolla sana keessaa ol baʼu kam iyyuu kiyyoodhaan qabama; ani Moʼaabitti waggaa adabamuu ishee nan fidaatii” jedha Waaqayyo.
JER 48:45 “Baqattoonni waan taʼan dhabanii gaaddisa Heshboon jala dhadhaabatu; Heshboon keessaa ibiddi tokko, Sihoon gidduudhaas arrabni ibiddaa ni kaʼaatii; inni adda Moʼaab guba, buqqee mataa of tuultotaas ni guba.
JER 48:46 Yaa Moʼaab siif wayyoo! Uummanni Kemoosh barbadaaʼeera; Ilmaan kee boojiʼamanii fudhatamaniiru; intallan kees boojiʼamaniiru.
JER 48:47 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Moʼaab deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo. Murtiin Moʼaabitti murame sun asitti dhuma.
JER 49:1 Waaʼee Amoonotaa: Waaqayyo akkana jedha: “Israaʼel ilmaan hin qabuu? Inni nama isa dhaalu hin qabuu? Yoos Moolek maaliif Gaadin dhalche ree? Namoonni isaa maaliif magaalaa ishee keessa jiraatu?
JER 49:2 Garuu barri ani itti Rabbaa Amoonotaatti sagalee waca waraanaa dhageessisu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo. “Isheen tuullaa badiisaa ni taati; gandoonni naannoo ishee jiranis ibiddaan gubamu. Ergasii Israaʼel warra ishee ariʼee baase sana ariitee biyyaa ni baafti,” jedha Waaqayyo.
JER 49:3 “Yaa Heshboon wawwaadhu, Aayi barbadoofteertii! Yaa jiraattota Rabbaa iyyaa! Wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; dallaa keessa asii fi achi fiigaa; Moolek lubootaa fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatamaatii.
JER 49:4 Ati maaliif sulula keetiin boonta? Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta? Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee, ‘Eenyutu na tuqa?’ jetta.
JER 49:5 Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraa sodaa sitti nan fida” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu; namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru.
JER 49:6 “Taʼu illee ani ergasii hambaawwan Amoonotaa deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.
JER 49:7 Waaʼee Edoom: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Siʼachi Teemaan keessa ogummaan hin jiruu? Hubattoota duraa gorsi badeeraa? Ogummaan isaanii sameeraa?
JER 49:8 Warri Deedaan keessa jiraattan garagalaa, baqadhaatii holqa gad fagoo keessa dhokadhaa; ani yeroo Esaawun adabutti badiisa isatti nan fidaatii.
JER 49:9 Warri gumaa wayinii guuran utuu gara kee dhufanii silaa qarmii wayii hin hambisanii? Hattuun yoo halkan dhufte, Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?
JER 49:10 Ani garuu Esaawun qullaa nan hambisa; akka inni itti hin daʼanneef ani iddoo inni itti dhokatu ifatti nan baasa. Ijoolleen isaa, firoonni isaatii fi olloonni isaa ni badu; innis siʼachi hin jiraatu.
JER 49:11 ‘Daaʼimman kee kanneen warra hin qabne dhiisi; anatu isaan jiraachisaatii. Haadhonni hiyyeessaa kee na amanachuu dandaʼu.’ ”
JER 49:12 Waaqayyo akkana jedha: “Yoo warri xoofoo dhuguun isaaniif hin malin ishee dhuguu qabaatan, ati maaliif utuu hin adabamin hafta ree? Ati ishee dhuguu qabda malee utuu hin adabamin hin haftu.
JER 49:13 Ani akka Bozraan diigamtee waan sodaa, waan fafaatii fi waan abaarsaa taatu maqaa kootiin nan kakadha” jedha Waaqayyo. “Magaalaawwan ishee hundis bara baraan ni diigamu.”
JER 49:14 Ani ergaa tokko Waaqayyo irraa dhagaʼeera: Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame; “Ishee loluuf walitti qabamaa! Waraanaafis baʼaa!”
JER 49:15 “Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa; namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha.
JER 49:16 Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraattee fiixee tulluu qabattee jirtu, sodaan ati odeessituu fi of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera. Yoo ati akkuma risaa ol fageessitee mana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
JER 49:17 “Edoom waan sodaa taati; namni achiin darbu hundis sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
JER 49:18 Isheen akkuma Sodoomii fi Gomoraan magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleeffaman sana ni taati” jedha Waaqayyo, “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu, sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
JER 49:19 “Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo dafee Edoomin biyya isheetii nan ariʼa. Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
JER 49:20 Kanaafuu waan Waaqayyo Edoomitti karoorfate, waan inni warra Teemaan keessa jiraatanitti yaades dhagaʼaa. Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; innis sababii isaaniitiif jedhee lafa dheeda isaanii ni barbadeessa.
JER 49:21 Sagalee kufaatii isaaniitiin lafti ni raafamti; iyyi isaanii hamma Galaana Diimaatti ni dhagaʼama.
JER 49:22 Ilaa! Risaan tokkoo Bozraa irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira. Bara sana keessa garaan loltota Edoom akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
JER 49:23 Waaʼee Damaasqoo: “Hamaatii fi Arfaad ni raafamu; isaan oduu hamaa dhagaʼaniiruutii. Isaan abdii kutatanii akkuma galaana boqonnaa hin qabne tokkoo jeeqamaniiru.
JER 49:24 Damaasqoon dadhabdeerti; isheen baqachuuf gara galteerti; sodaan guddaan ishee qabateera; akkuma miixuu dubartii ciniinsifattuu, rakkinaa fi miixuun isa qabeera.
JER 49:25 Magaalaan beekamaan, magaalaan ani itti gammadu sun akkam gatamti!
JER 49:26 Dhugumaan dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; loltoonni ishee hundinuu gaafas afaan qabatu” jedha Waaqayyo.
JER 49:27 “Ani dallaawwan Damaasqootti ibidda nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoo Ben-Hadaad gubee balleessa.”
JER 49:28 Waaʼee Qeedaariitii fi waaʼee mootummoota Haazoor kanneen Nebukadnezar mootiin Baabilon lole sanaa: Waaqayyo akkana jedha: “Kaʼaa, Qeedaarin lolaatii saba gama Baʼa Biiftuu barbadeessaa.
JER 49:29 Dunkaanonni isaaniitii fi bushaayeen isaanii ni fudhatamu; golgaawwan isaanii miʼaa fi gaalawwan isaanii wajjin fudhatamu. Namoonnis, ‘Gama hundaan sodaatu jira!’ jedhanii iyyu.
JER 49:30 “Isin warri Haazoor keessa jiraattan dafaa baqadhaa! Holqa gad fagoo keessa dhokadhaa” jedha Waaqayyo. “Nebukadnezar mootiin Baabilon isinitti malateera; inni daba isinitti yaadeera.
JER 49:31 “Kaʼaatii saba nagaa qabu kan of amanatee jiraatu saba karra yookaan danqaraa karraa hin qabne sanatti duulaa; uummanni isaa kophuma ofii isaa jiraata” jedha Waaqayyo.
JER 49:32 “Gaalawwan isaanii ni hatamu, horiin isaanii baayʼeenis ni boojiʼama. Ani warra lafa fagoo jiran qilleensatti bittinneessee gama hundaan balaa isaanitti nan fida” jedha Waaqayyo.
JER 49:33 “Haazoor iddoo jireenyaa waangoo, lafa bara baraan onte taati. Namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; namni tokko iyyuu ishee keessa hin qubatu.”
JER 49:34 Jalqaba bara mootummaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa dubbiin Waaqayyoo waaʼee Eelaam akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
JER 49:35 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo ani madda jabina isaanii, iddaa Eelaam nan cabsa.
JER 49:36 Ani kutaalee samiiwwanii afran irraa bubbee afran Eelaamittan fida; ani bubbee afranitti isaan nan bittinneessa; sabni baqattoonni Eelaam itti hin galle tokko iyyuu hin jiraatu.
JER 49:37 Ani fuula diinota isaanii, fuula warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanii duratti Eelaamin nan barbadeessa; ani balaa isaanittan fida; dheekkamsa koo sodaachisaa sanas isaanittan fida; ani hamma isaan fixutti goraadeedhaan isaan ariʼa” jedha Waaqayyo.
JER 49:38 “Ani teessoo koo Eelaam keessa dhaabbadhee mootii fi qondaaltota ishee nan barbadeessa” jedha Waaqayyo.
JER 49:39 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Eelaam deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.
JER 50:1 Dubbiin Waaqayyo karaa Ermiyaas raajichaatiin waaʼee Baabilonii fi waaʼee biyya Baabilonotaa dubbate kanaa dha:
JER 50:2 “Saboota gidduutti lallabaatii labsaa; faajjii ol qabaatii labsaa; utuu homaa hin hambisin akkana jedhaa; ‘Baabilon ni qabamti; Beel ni salphifama; Meroodak gooliidhaan guutama. Fakkiiwwan Baabilon ni salphifamu; waaqonni ishee tolfamoonis sodaan guutamu.’
JER 50:3 Sabni Kaabaa dhufu tokko ishee lolee lafa ishee duwwaa hambisa. Namni tokko iyyuu ishee keessa hin jiraatu; namaa fi horiin baqatee keessaa baʼa.
JER 50:4 “Bara sana keessa, yeroo sanatti, sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa imimmaaniin Waaqayyo Waaqa isaanii barbaacha tokkummaadhaan ni dhufu” jedha Waaqayyo;
JER 50:5 “Isaan karaa gara Xiyoon geessu ni gaafatu; fuula isaaniis garasitti garagalfatu. Isaan dhufanii kakuu bara baraa kan gonkumaa hin irraanfatamneen Waaqayyotti of maxxansu.
JER 50:6 “Sabni koo hoolota badan taʼaniiru; tikseen isaanii isaan dogoggorsee akka isaan tulluuwwan irra jooran godhe. Isaan tulluu fi gaara irra jooranii lafa boqonnaa isaanii illee wallaalan.
JER 50:7 Kan isaan argu hundi isaan liqimse; diinonni isaaniis, ‘Nu balleessaa hin qabnu; isaan Waaqayyo iddoo jireenya isaanii kan dhugaa taʼe, Waaqayyo abdii abbootii isaaniitti cubbuu hojjetaniiruutii’ jedhan.
JER 50:8 “Baabilonii baqadhaa baʼaa; biyya Baabilonotaa keessaa baʼaa; akkuma korbeessa reʼee kan bushaayee qajeelchuu taʼaa.
JER 50:9 Ani biyya kaabaatii garee saboota gurguddaa kaasee Baabilonitti nan ergaatii. Isaanis hiriiranii isheetti dhufu; isheenis karaa kaabaatiin ni qabamti. Xiyyi isaanii akkuma loltoota ogeeyyii harka duwwaa hin deebinee ti.
JER 50:10 Baabilonis ni saamamti; warri ishee saaman hundis ni quufu” jedha Waaqayyo.
JER 50:11 “Isin warri handhuuraa koo saamtan waan gammaddanii fi ililchitaniif, akkuma raadaa marga keessaa burraaqxanii akka korma fardaa imimsitan illee,
JER 50:12 haati keessan akka malee qaanofti; kan isin deesses ni salphatti. Isheen saboota hunda keessaa gad aantuu, lafa onaa, lafa gogaa fi gammoojjii taati.
JER 50:13 Isheen sababii dheekkamsa Waaqayyootiif guutumaan guutuutti ni onti malee namni ishee keessa hin jiraatu. Sababii madaa ishee hundaatiif namni Baabilon keessa darbu hundi ni dinqisiifata; itti qoosas.
JER 50:14 “Isin warri iddaa luqqifattan hundinuu, naannoo Baabilonitti hiriiraa. Sababii isheen Waaqayyotti cubbuu hojjetteef, xiyyawwan itti darbadhaa! Homaa hin hambisinaa.
JER 50:15 Karaa hundaan isheetti iyyaa! Isheen harka kennatti; gamoon ishee ni jiga; dallaan ishee diigameera. Kun haaloo Waaqayyoo waan taʼeef isheetti haaloo baʼaa; waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheetti hojjedhaa.
JER 50:16 Nama sanyii facaasuu fi kan yeroo midhaan haamamutti haamtuu qabatus Baabilon keessaa balleessaa. Sababii goraadee cunqursaatiin tokkoon tokkoon namaa gara saba ofii isaatti haa deebiʼu; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaattis haa baqatu.
JER 50:17 “Israaʼel hoolaa bittinnaaʼee dha; leenconni isa ariʼan. Kan jalqabatti isa nyaate mootii Asoor; kan dhuma irratti lafee isaa caccabse immoo Nebukadnezar mooticha Baabilon ture.”
JER 50:18 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani akkuma mootii Asoor adabe sana mootii Baabilonii fi biyya isaa nan adaba.
JER 50:19 Israaʼelin garuu lafa tika isaatti nan deebisa; innis Qarmeloosii fi Baashaan irra ni dheeda; tulluu Efreemii fi Giliʼaad irra dheedee ni quufa.
JER 50:20 Bara sana keessa, yeroo sanatti, yakki Israaʼel ni barbaadama” jedha Waaqayyo; “garuu tokko iyyuu hin jiru; cubbuun Yihuudaas ni barbaadama; garuu tokko iyyuu hin argamu; ani hambaan baraare sanaaf dhiifama nan godhaatii.
JER 50:21 “Biyya Meraataayimii fi jiraattota Pheqood lolaa. Ariʼaa, ajjeesaa, guutumaan guutuutti isaan balleessaa,” jedha Waaqayyo. “Waan ani isin ajaje hunda godhaa.
JER 50:22 Sagaleen waraanaa, sagaleen badiisa guddaas biyya sana keessa jira!
JER 50:23 Burruusni guutummaa lafaa akkamitti cabe! Akkamittis bullaaʼe! Baabilon saboota gidduutti, akkam onte!
JER 50:24 Yaa Baabilon, ani kiyyoo siif diriirseera; atis utuu hin beekin qabamte; ati sababii Waaqayyoon mormiteef, argamtee qabamte.
JER 50:25 Waaqayyo mankuusaa miʼa lolaa isaa banee miʼa lola dheekkamsa isaa gad baafateera; Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu waan biyya Baabilonotaatti hojjetu qabaatii.
JER 50:26 Biyya fagootii isheetti kottaa. Gombisaawwan ishee diigaa; akkuma tuullaa midhaaniitti ishee tuulaa. Guutumaan guutuutti ishee balleessaa; waan tokko illee isheef hin hambisinaa.
JER 50:27 Korommii ishee hunda qalaa; isaan gara qalmaatti haa geeffaman! Isaaniif wayyoo! Yeroon isaan itti adabaman, guyyaan isaanii dhufeeraatii.
JER 50:28 Akka Waaqayyo Waaqni keenya haaloo baʼe, akka inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo baʼe, kooluu galtootaa fi baqattoota Baabilonii dhufanii Xiyoon keessatti lallaban irraa dhagaʼaa.
JER 50:29 “Namoota Xiyyaan lolan kanneen iddaa luqqifatan hunda Baabilonitti waamaa. Naannoo ishee hunda marsaa; namni tokko iyyuu hin miliqin. Gatii hojii ishee kennaafii; waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheettis hojjedhaa. Isheen Qulqullicha Israaʼel, Waaqayyotti koorteertii.
JER 50:30 Kanaafuu dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; gaafas loltoonni ishee hundi ni barbadaaʼu” jedha Waaqayyo.
JER 50:31 “Yaa koortuu nana, kunoo ani sitti kaʼeera” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda dandaʼu; “yeroon ati itti adabamtu, guyyaan kee dhufeeraatii.
JER 50:32 Koortuun sun gufattee lafa dhoofti; namni gargaaree ol ishee qabu tokko iyyuu hin jiru; ani magaalaawwan ishee keessatti ibidda warra naannoo ishee jiru hunda gubee fixu nan qabsiisa.”
JER 50:33 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni Israaʼel cunqurfameera; sabni Yihuudaas akkasuma cunqurfameera. Warri isaan boojiʼan hundi jabeessanii isaan qabataniiru; isaan gad dhiisuus didaniiru.
JER 50:34 Taʼu illee Furaan isaanii jabaa dha; maqaan isaas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dha. Inni biyya isaaniitiif boqonnaa kenne; warra Baabilon keessa jiraatan garuu boqonnaa dhowwuuf dhimma isaaniitiif jabeessee ni falma.
JER 50:35 “Goraadeen tokko Baabilonotatti dhufe!” jedha Waaqayyo; “warra Baabilon keessa jiraatanitti, qondaaltotaa fi namoota ishee ogeeyyiitti dhufeera!
JER 50:36 Goraadeen raajota ishee sobdootatti, dhufeera! Isaan gowwoota taʼu. Goraadeen gootota isheetti dhufeera! Isaanis sodaadhaan guutamu.
JER 50:37 Goraadeen fardeenii fi gaariiwwan isheetti, Namoota Ormaa kanneen gidduu ishee jiraatan hundatti dhufe! Isaan dadhaboo taʼu. Goraadeen qabeenya isheetti dhufe! Isaan ni saamamu.
JER 50:38 Caamsaan bishaan isheetti ni dhufa! Isaanis ni gogu. Isheen biyya waaqota tolfamoo, kan waaqota tolfamoo sodaadhaan maraataniitii.
JER 50:39 “Kanaafuu uumamawwan gammoojjiitii fi waraabeyyiin achi jiraatu; urunguunis achi jiraatti. Lammata namni ishee keessa hin jiraatu; yookaan dhalootaa hamma dhalootaatti namni keessa jiraatu hin jiru.
JER 50:40 Akkuma Waaqni Sodoomii fi Gomoraa, magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleesse sana” jedha Waaqayyo; “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
JER 50:41 “Kunoo! Gareen loltootaa tokko kaaba irraa dhufaa jira; sabni guddaan tokkoo fi mootonni baayʼeen moggaa lafaatii sosochoʼaa jiru.
JER 50:42 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa intala Baabilon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.
JER 50:43 Mootiin Baabilon oduu waaʼee isaanii dhagaʼe; harki isaas irratti duʼe. Dhiphinni isa qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu isa qabeera.
JER 50:44 Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo dafee Baabilonin biyya isheetii nan ariʼa. Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
JER 50:45 Kanaafuu waan Waaqayyo Baabilonitti karoorfate, waan inni biyya Baabilonotaatti yaades dhagaʼaa; Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; innis sababii isaaniitiif lafa dheeda isaanii guutumaan guutuutti ni barbadeessa.
JER 50:46 Waca qabamuu Baabiloniitiin lafti ni raafamti; iyyi ishees saboota gidduutti ni dhagaʼama.
JER 51:1 Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo ani Baabilonii fi saba ishee keessa jiraatutti bubbee waa balleessu nan kaasa.
JER 51:2 Ani akka isaan gingilchanii ishee balleessaniif ormoota Baabilonitti nan erga; isaan gaafa badiisa ishee, karaa hundaanuu isheen mormu.
JER 51:3 Abbaan xiyyaa iddaa isaa hin aggaamin, yookaan miʼa lolaa hin hidhatin. Dargaggoota ishee hin baasinaa; loltoota ishee illee guutumaan guutuutti barbadeessaa.
JER 51:4 Isaan qalamanii Baabilon keessa ni harcaafamu; daandiiwwan ishee irrattis ni madaaʼu.
JER 51:5 Yoo biyyi isaanii fuula Qulqullicha Israaʼel duratti yakkaan guutamtee jiraatte iyyuu Waaqni isaanii, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼelii fi Yihuudaa hin ganne.
JER 51:6 “Baabilon keessaa baqadhaa! Lubbuu keessan oolfadhaa! Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa. Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Waaqayyoo ti; innis gatii isheef malu ni kennaaf.
JER 51:7 Baabilon harka Waaqayyoo keessatti xoofoo warqee turte; isheen guutummaa lafaa ni macheessite. Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan; kanaafuu amma maraataniiru.
JER 51:8 Baabilon akkuma tasaa kuftee caccabdi; isheef booʼaa! Qoricha isheen madaa dibattu fidaafii; tarii isheen ni fayyiti taʼaatii.
JER 51:9 “ ‘Nu Baabilonin fayyisu yaalleerra; isheen garuu fayyuu hin dandeessu; kottaa tokkoon tokkoon keenya ishee dhiifnee gara biyya ofii keenyaatti haa qajeellu; murtiin ishee hamma samiitti ol baʼee, hamma duumessaatti ol fagaateeraatii.’
JER 51:10 “ ‘Waaqayyo qajeelummaa keenya dhugaa nuu baʼeera; kottaa, waan Waaqayyo Waaqni keenya hojjete Xiyoon keessatti haa odeessinu.’
JER 51:11 “Xiyya qaradhaa; gaachana illee fudhadhaa! Sababii kaayyoon isaa Baabilonin balleessuu taʼeef Waaqayyo mootota Meedee kakaaseera. Waaqayyo haaloo ni baʼa; mana qulqullummaa isaatii haaloo ni baʼa.
JER 51:12 Dallaa Baabilonitti faajjii kaasaa! Eegumsa jajjabeessaa; eegduu dhaabaa; warra riphee eeggatu qopheessaa! Waaqayyo kaayyoo isaa waan saba Baabilonitti mure sana fiixaan baafata.
JER 51:13 Ati kan bishaan baayʼee qabdu, kan qabeenyaanis badhaate, dhumni kee dhufeera; yeroon ati itti baddu gaʼeera.
JER 51:14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu ofiin kakateera: Ani dhugumaan namoota akkuma hoomaa hawwaannisaa sitti gad dhiisa; isaanis moʼannaadhaan sitti dhaadatu.
JER 51:15 “Inni humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
JER 51:16 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. Bokkaa wajjin balaqqee ni erga; mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
JER 51:17 “Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
JER 51:18 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti; yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
JER 51:19 Inni qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; inni uumaa waan hundumaa ti; Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
JER 51:20 “Ati bokkuu koo kan duulaa miʼa lolaa kootii ti; ani siin saboota nan caccabsa; siin mootummoota nan barbadeessa;
JER 51:21 Ani siin fardaa fi yaabbataa fardaa nan caccabsa; siin gaarii fi ooftuu isaa nan caccabsa;
JER 51:22 ani siin dhiiraa dubartoota nan caccabsa; siin jaarsaa dargaggeessa nan caccabsa; siin gaʼeessaa fi shamarree nan caccabsa;
JER 51:23 ani siin tiksee fi bushaayee nan caccabsa; siin qottuu fi qotiyyoo nan caccabsa; siin bulchitootaa fi qondaaltota nan caccabsa.
JER 51:24 “Ani utuma iji keessan arguu waan isaan Xiyoon godhan hundaaf Baabilonii fi warra Baabilon keessa jiraatan hundaaf gatii isaanii nan kenna” jedha Waaqayyo.
JER 51:25 “Yaa tulluu barbadeessaa, ati kan lafa hunda balleessitu ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti nan kaafadha; ededa irraa gad gangalchee tulluu gubamaa sin godha” jedha Waaqayyo.
JER 51:26 “Waan ati bara baraan ontuuf, kattaan dhagaa golee taʼu, yookaan dhagaan hundeef taʼu tokko iyyuu si keessaa hin fudhatamu” jedha Waaqayyo.
JER 51:27 “Biyyattii keessatti faajjii ol qabaa! Saboota gidduuttis malakata afuufaa! Saboota waraanaaf isheetti qopheessaa; mootummoota Araaraat, kan Miiniitii fi Ashkenas isheetti waamaa. Ajajaa waraanaa isheetti shuumaa; fardeen akka hoomaa hawwaannisaa itti ergaa.
JER 51:28 Ishee waraanuudhaaf saboota jechuunis, mootota Meedee bulchitoota isaaniitii fi qondaaltota isaanii hunda, biyyoota isaan bulchan hundas qopheessaa.
JER 51:29 Sababii wanni Waaqayyo akka namni tokko iyyuu achi hin jiraanneef biyya Baabilon onsuuf Baabilonitti karoorfate sun jabaatee dhaabatuuf biyyattiin ni raafamti; ni dhidhiitattis.
JER 51:30 Gootonni Baabilon lola dhiisaniiru; isaan daʼannoo isaanii keessatti hafaniiru. Jabinni isaanii dhumeera; isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru. Iddoo jireenya isheetti ibiddi qabsiifameera; danqaraawwan balbala ishees caccabaniiru.
JER 51:31 Akka magaalaan isaa moggaa hamma moggaatti qabamte mootii Baabilonitti himuuf, fiigduun tokko isa kaan qaqqabuuf, ergamaan tokkos ergamaa kaan qaqqabuuf fiiga;
JER 51:32 kunis akka malkaan qabame, akka daʼannoowwan ishee gubamanii fi akka loltoonni ishee naʼan himuudhaaf.”
JER 51:33 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Intalli Baabilon akkuma oobdii ti; yeroo sanatti isheen ni dhidhiitamti; yeroon isheen itti haamamtus dafee ni dhufa.”
JER 51:34 “Nebukadnezar mootiin Baabilon na nyaateera; inni barbadeesseera; akkuma okkotee duwwaa na godhe. Inni akkuma jawwee na liqimse; qabeenya koo filatamaadhaanis garaa guuttate; ergasii immoo na tufe.”
JER 51:35 Jiraattonni Xiyoon, “Dabni foon keenyatti hojjetame Baabilonitti illee haa dhufu” jedhan. Yerusaalemis, “Dhiigni keenya warra Baabilon keessa jiraatan haaloo haa baʼu” jetti.
JER 51:36 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, ani dubbii kee siif falmee haaloo siifin baʼa; ani galaana ishee nan gogsa; burqaa ishee illee nan kuta.
JER 51:37 Baabilon tuullaa diigame, iddoo waangoonni keessa burraaqan, waan naasuutii fi qoosaa, lafa namni tokko iyyuu irra hin jiraanne ni taati.
JER 51:38 Sabni ishee hundi akka saafela leencaa ni aada; isaanis akka ilmaan leencaa gururiʼu.
JER 51:39 Yommuu dhagni isaanii hoʼutti, ani akka isaan kolfaa gammadanii bara baraan rafanii hin dammaqneef cidha isaaniif qopheessee akka isaan machaaʼan nan godha” jedha Waaqayyo.
JER 51:40 “Ani akka ilmoolee hoolaa, akkuma korbeeyyii hoolaatii fi reʼee gara qalmaatti gad isaan buusa.
JER 51:41 “Sheeshaak akkamitti boojiʼamti! Boonuun lafa hundaas akkamitti qabame! Baabilon saba gidduutti akkam waan sodaa taati!
JER 51:42 Baabilon irra galaanni garagala; dambaliin galaanaas ishee haguuga.
JER 51:43 Magaalaawwan ishee onanii biyya gogaa fi gammoojjii, biyya namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kan namni keessa hin dabarre ni taʼu.
JER 51:44 Ani Baabilon keessatti Beelin nan adaba; waan inni liqimse illee nan tufsiisa. Saboonni lammata gara isaatti hin yaaʼan; dallaan Baabilonis ni jiga.
JER 51:45 “Yaa saba ko, ishee keessaa baʼaa! Lubbuu keessan oolfachuuf fiigaa! Dheekkamsa Waaqayyoo sodaachisaa sana jalaa baqadhaa.
JER 51:46 Yeroo oduun biyya keessatti dhagaʼamutti garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatin; akka gooliin biyya keessa jiru, akka bulchaan tokko bulchaa kaanitti kaʼu, oduun tokko barana, kaan immoo bara dhufu dhagaʼama.
JER 51:47 Yeroon ani itti waaqota Baabilon tolfamoo adabu dhugumaan ni dhufaatii; biyyi ishee guutumaan guutuutti ni salphatti; qalamtoonni ishee hundis ishee keessatti kukkufu.
JER 51:48 Ergasii samii fi lafti, wanni isaan keessa jiru hundis, gammadanii Baabilonitti ililchu; barbadeessitoonni kaabaa baʼanii ishee waraanuutii” jedha Waaqayyo.
JER 51:49 “Akkuma qalamtoonni lafa irraa hundi sababii Baabiloniif harcaʼan sana Baabilonis sababii qalamtoota Israaʼeliif harcaʼuu qabdi.
JER 51:50 Isin warri goraadee jalaa miliqxan, deemaa; lafa irra hin harkifatinaa! Biyya fagootti illee Waaqayyoon yaadadhaa; waaʼee Yerusaalemis yaadaa.”
JER 51:51 “Sababii ormoonni iddoo qulqullaaʼaa mana Waaqayyootti qalaniif, nu salphifamneerra; waan arrabsamneefis qaaniidhaan fuula keenya haguugganne.”
JER 51:52 “Garuu barri ani itti, waaqota ishee tolfamoo adabuu fi yeroon guutummaa lafa ishee irratti warri madaaʼan aadan dhufaa jira” jedha Waaqayyo.
JER 51:53 “Yoo Baabilon samiitti ol baatee daʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu, ani warra ishee barbadeessan itti nan erga” jedha Waaqayyo.
JER 51:54 “Baabilonii iyyi, lafa Baabilonotaatii immoo sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama.
JER 51:55 Waaqayyos Baabilonin ni barbadeessa; inni waca ishee ni calʼisiisa, dambaliin isaaniis akkuma bishaan guddaa ni huursa; sagaleen huursaa isaaniis ni dhagaʼama.
JER 51:56 Barbadeessaan tokko Baabilonitti ni dhufa; gootonni ishee ni qabamu; futtaaftuun isaaniis ni caccaba; Waaqayyo, Waaqa haaloo baʼuudhaatii; inni guutumaan guutuutti gatii ishee ni deebisaaf.
JER 51:57 Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee, akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi gootota ishee nan macheessa; isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,” jedha mootichi maqaan isaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, jedhamu sun.
JER 51:58 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga; karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu; namoonni akkasumaan of dadhabsiisu; dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa.”
JER 51:59 Yeroo Seraayaan ilmi Neeriyaa, ilmi Mahiseyaa bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa afuraffaatti mooticha wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas Raajichi isaaf kenne kanaa dha.
JER 51:60 Ermiyaas badiisa Baabilonitti dhufu hunda, jechuunis waaʼee Baabilon kan barreeffame hunda kitaaba maramaa irratti barreessee ture.
JER 51:61 Innis Seraayaadhaan akkana jedhe; “Yommuu Baabilon geessutti dubbii kana hunda sagalee ol fudhattee dubbisuu hin dagatin.
JER 51:62 Akkanas jedhi: ‘Yaa Waaqayyo, akka namni yookaan horiin ishee keessa hin jiraanneef ati akka iddoo kana barbadeessitu dubbatteerta; isheenis bara baraan ni onti.’
JER 51:63 Yeroo kitaaba maramaa kana dubbiftee fixxutti dhagaa itti hidhiitii Laga Efraaxiisitti darbadhu.
JER 51:64 Akkanas jedhi; ‘Sababii badiisa ani isheetti fiduutiin akka lammata hin kaaneef Baabilon akkasitti ni liqimfamti. Uummanni ishees ni harcaʼa.’ ” Dubbiin Ermiyaas as irratti raawwatama.
JER 52:1 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte.
JER 52:2 Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana, fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete.
JER 52:3 Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse. Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile.
JER 52:4 Bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule; isaanis magaalattiin ala qubatanii naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marsan.
JER 52:5 Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte.
JER 52:6 Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe.
JER 52:7 Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus baʼanii baqatan. Isaanis utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan;
JER 52:8 loltoonni Baabilon garuu Zedeqiyaa Mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban; loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan;
JER 52:9 innis ni qabame. Gara mootii Baabilonitti Riiblaa biyya Hamaati keessaatti geeffame. Achittis itti murame.
JER 52:10 Mootiin Baabilonis Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼe; qondaaltota Yihuudaa hundas fixe.
JER 52:11 Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee foncaa naasiitiin hidhee Baabilonitti isa geesse; hamma gaafa inni duʼuuttis manuma hidhaa keessa isa tursiise.
JER 52:12 Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa shanaffaatti Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa inni mootii Baabilon tajaajilu sun gara Yerusaalem dhufe.
JER 52:13 Innis mana qulqullummaa Waaqayyootti, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise; manneen gurguddaa hundas ni gube.
JER 52:14 Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan hunda diigan.
JER 52:15 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota hiyyeeyyii tokko tokkoo fi warra magaalaa keessatti hafan, warra ogummaa harkaa qabanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate.
JER 52:16 Nebuzaradaan garuu hiyyeeyyii biyyattii warra hafan akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise.
JER 52:17 Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture caccabsanii naasii sana hunda immoo Baabilonitti geessan.
JER 52:18 Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan.
JER 52:19 Ajajaan eegumsaa sunis miʼoota warqee qulqulluu fi meetii irraa hojjetaman hunda jechuunis caabii dhooqaa, girgiraawwan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, okkoteewwan, baattuuwwan ibsaa, caabiiwwanii fi waciitiiwwan ittiin dhibaafatan fudhatee deeme.
JER 52:20 Ulfinni naasii kan Solomoon Mootichi ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi jiboota kudha lamaan isa jala jiranii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan.
JER 52:21 Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheeratee marsaan isaa immoo dhundhuma kudha lama ture; yabbinni isaa quba afur taʼee keessi isaas banaa ture.
JER 52:22 Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma shan ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis roomaanii naasii wajjin kanuma fakkaata ture.
JER 52:23 Roomaanoonni bitaa mirgaan turan sagaltamii sagal turan; walumatti faaya naannoo utubichaa gubbaan jiru wajjin roomanoota dhibba tokkootu ture.
JER 52:24 Ajajaan eegumsaa sun Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme.
JER 52:25 Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii torba fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate.
JER 52:26 Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse.
JER 52:27 Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe. Yihuudaanis akkasiin boojiʼamee biyya isheetii baate.
JER 52:28 Baayʼinni namoota Nebukadnezar boojuudhaan fudhatee kanaa dha: Waggaa torbaffaa keessa Yihuudoota 3,023;
JER 52:29 bara Nebukadnezar keessa waggaa kudha saddeettaffaatti, Yerusaalemii namoota 832;
JER 52:30 waggaa digdamii sadaffaa isaa keessa Yihuudoonni 745, Nebuzaradaan ajajaa eegumsaa sanaan boojuudhaan fudhataman.
JER 52:31 Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii shanaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiisee bilisa isa baase.
JER 52:32 Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef.
JER 52:33 Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate.
JER 52:34 Mootiin Baabilonis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.
LAM 1:1 Magaalaan dur namaan guutamtee turte sun akkamitti ontee hafte! Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turte akkamitti akka haadha hiyyeessaa taate! Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sun amma garbittii taateerti.
LAM 1:2 Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi; maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa. Michoota ishee hunda keessaa kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru; isaan diinota ishee taʼaniiru.
LAM 1:3 Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddee Yihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti. Isheen saboota gidduu jiraatti, lafa itti boqottu illee hin arganne. Warri ishee ariʼan hundi rakkina ishee keessatti ishee qabatan.
LAM 1:4 Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu; namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufu tokko iyyuu hin jiruutii. Karrawwan ishee hundi onanii jiru; luboonni ishee ni aadu; shamarran ishee ni gaddu, isheenis dhiphina guddaa keessa jirti.
LAM 1:5 Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru; diinota isheetti toleera. Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiif Waaqayyo gadda itti fideera. Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru; fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru.
LAM 1:6 Intala Xiyoon irraa miidhaginni hundi fudhatameera. Ilmaan mootota ishee akkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru; isaan dadhabbiidhaan fuula warra isaan ariʼanii dura baqatan.
LAM 1:7 Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessa Yerusaalem qabeenya bara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti. Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanitti namni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre. Diinonni ishee ishee ilaalanii badiisa isheetti kolfan.
LAM 1:8 Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette; akkasiinis xuroofte. Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan; isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii; isheen mataan ishee guungumtee of irra garagalti.
LAM 1:9 Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane; isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne; kufaatiin ishee nama rifachiisa; kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture. “Yaa Waaqayyo rakkina koo ilaali; diinni moʼateeraatii!”
LAM 1:10 Qabeenya ishee hundatti diinni harka isaa diriirseera; isheen Namoota Ormaa warra ati akka isaan waldaa kee hin seenne dhowwite sana utuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite.
LAM 1:11 Namoonni ishee hundinuu utuma aadanuu buddeena barbaaddatu; isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu. “Yaa Waaqayyo na ilaali, na yaadadhus; ani tuffatameeraatii.”
LAM 1:12 “Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii? Naannoo keessan ilaalaatii argaa. Rakkinni akka rakkina koo kan ani ittiin rakkadhe, kan Waaqayyo guyyaa dheekkamsa isaatti natti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa?
LAM 1:13 “Inni ol gubbaadhaa ibidda erge; ibidda sana lafee koo keessa seensisa. Inni miilla kootiif kiyyoo diriirsee dugda duubatti na deebise; inni kophaatti na hambisee guyyaa guutuu na dadhabsiise.
LAM 1:14 “Cubbuun koo waanjootti hidhameera; isaan harka isaatiin walitti foʼaman. Isaan morma kootti rarraafaman; gooftaan humna koo dadhabsiise. Inni warra ani of irraa deebisuu hin dandeenyetti dabarsee na kenneera.
LAM 1:15 “Gooftaan gootota na keessatti argaman hunda gateera; inni dargaggoota koo caccabsuuf yaaʼii waammate. Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaatti Durba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera.
LAM 1:16 “Wanni ani booʼee iji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha. Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru; kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru. Sababii diinni humna argateef ijoolleen koo harka duwwaa hafan.”
LAM 1:17 Xiyoon harka ishee balʼifatteerti; garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru. Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniif Waaqayyo Yaaqoobitti ajajeera; Yerusaalemis gidduu isaaniitti waan xuraaʼaa taateerti.
LAM 1:18 “Waaqayyo qajeelaa dha; taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture. Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa; rakkina koos ilaalaa. Dargaggoonnii fi shamarran koo boojiʼamanii fudhatamaniiru.
LAM 1:19 “Ani tumsitoota koo nan waammadhe; isaan garuu na ganan. Luboonni koo fi maanguddoonni koo utuu lubbuu isaanii oolfachuuf nyaata barbaadatanuu magaalaa keessatti dhuman.
LAM 1:20 “Yaa Waaqayyo akka ani dhiphadhe ilaali! Ani keessa kootti dhiphadheera; garaa koo keessatti raafameera; ani nama akka malee fincilun tureetii. Alaa goraadeen nama qala; mana keessa immoo duʼa qofatu jira.
LAM 1:21 “Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru; kan na jajjabeessu garuu hin jiru. Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru; isaan waan ati gootetti gammadaniiru. Akka isaan akkuma koo taʼaniif maaloo ati guyyaa jette sana fidi.
LAM 1:22 “Hamminni isaanii hundinuu fuula kee duratti haa dhiʼaatu; waanuma sababii cubbuu koo hundaatiif natti fidde sana isaanitti illee fidi! Aaduun koo baayʼateeraatii; onneen koos dadhabdeerti.”
LAM 2:1 Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin intala Xiyoon haguuge! Inni ulfina Israaʼel samiidhaa lafatti gad daddarbateera; inni guyyaa dheekkamsa isaatti ejjeta miilla isaa hin yaadanne.
LAM 2:2 Gooftaan gara laafina tokko malee iddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera; daʼannoo intala Yihuudaas dheekkamsa isaatiin diige. Inni mootummaa isheetii fi bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise.
LAM 2:3 Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan gaanfa Israaʼel hunda caccabse. Yommuu diinni dhiʼaatettis harka isaa mirgaa duubatti deebifate. Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa Yaaqoob keessatti bobaʼe.
LAM 2:4 Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate; harki isaa mirgaa qophaaʼeera. Warra ijatti bareedan hunda akkuma amajaajiitti qale; dunkaana intala Xiyoonitti dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse.
LAM 2:5 Gooftaan akkuma diinaa taʼe; inni Israaʼelin liqimseera. Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee daʼannoo ishee jabaa illee diigeera. Inni Intala Yihuudaatti booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera.
LAM 2:6 Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera; iddoo wal gaʼii isaas balleesseera. Waaqayyo akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi Sanbatoota ishee irraanfattu godheera; inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan moototaa fi luboota akka malee tuffate.
LAM 2:7 Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera; iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera. Dallaawwan masaraawwan ishee dabarsee harka diinotaatti kenneera; isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti mana Waaqayyoo keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan.
LAM 2:8 Waaqayyo dallaa naannoo Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera. Inni safartuu diriirseera; barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne. Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe; isaanis tokkummaadhaan badan.
LAM 2:9 Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru; inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera. Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru; seerri siʼachi hin jiraatu; raajonni ishees siʼachi Waaqayyo biraa mulʼata hin argan.
LAM 2:10 Maanguddoonni Intala Xiyoon calʼisanii lafa tataaʼan; isaan daaraa mataatti firfirfatanii uffata gaddaas uffatan. Shamarran Yerusaalem mataa isaanii gad qabatan.
LAM 2:11 Iji koo booʼichaan dadhabeera; keessa kootti dhiphadheera; sababii sabni koo dhumeef sababii ijoollee fi daaʼimman daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif garaan koo gaddaan laafeera.
LAM 2:12 Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti, yommuu lubbuun isaanii hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti “Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?” jedhanii haadhota isaanii gaafatu.
LAM 2:13 Yaa intala Yerusaalem, ani maal siif jechuun dandaʼa? Maaliinan wal si qixxeessa? Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii ani akkan si jajjabeessuuf maalittin si fakkeessuu dandaʼa? Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha. Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?
LAM 2:14 Mulʼanni raajota keetii sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha; isaan boojiʼamuu kee hambisuuf cubbuu kee ifa hin baafne. Raajiin isaan siif kennanis sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha.
LAM 2:15 Warri karaa keetiin darban hundinuu harka isaanii sitti rurrukutu; isaanis intala Yerusaalemitti qoosuu fi mataa raasuudhaan, “Magaalaan muummee miidhaginaa gammachuu guutuu lafaa jedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu.
LAM 2:16 Diinonni kee hundinuu afaan isaanii sitti banatu; isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan “Nu ishee liqimsineerra. Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha; nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu.
LAM 2:17 Waaqayyo waan karoorfate hojjeteera; dubbii isaa kan bara dheeraan dura dubbate sana guuttateera. Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera; akka diinni kee sitti gammadu godheera; gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera.
LAM 2:18 Onneen namootaa gara Gooftaatti iyya. Yaa dallaa Intala Xiyoon halkanii guyyaa imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu; boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin; iji kees hin boqotin.
LAM 2:19 Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti kaʼiitii halkaniin iyyi; fuula Gooftaa duratti onnee kee akka bishaanii dhangalaasi. Lubbuu ijoollee keetii kanneen fiixee daandii hundaatti beelaan gaggabaniitiif jedhiitii harka kee gara isaatti ol qabadhu.
LAM 2:20 “Yaa Waaqayyo, ati ilaali; argis: Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta? Haadhonni daaʼimman isaanii, ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu? Lubnii fi raajiin, iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu?
LAM 2:21 “Dargaggoonnii fi maanguddoonni, walii wajjin awwaara karaa irra ciisu; dargaggoonnii fi shamarran koo goraadeedhaan ajjeefamaniiru. Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe; gara laafina tokko malee isaan qalte.
LAM 2:22 “Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti, homaa hin miliqne yookaan hin hafne; warra ani daʼee guddise diinni koo na jalaa balleesseera.”
LAM 3:1 Namni ulee dheekkamsa isaatiin rakkina arge anaa dha.
LAM 3:2 Inni fuula isaa duraa na ariʼee akka ani qooda ifaa dukkana keessa deemu na godhe;
LAM 3:3 dhugumaan inni guyyaa guutuu, ammumaa amma harka isaa natti deebise.
LAM 3:4 Inni foon kootii fi gogaa koo dulloomseera; lafee koo illee caccabseera.
LAM 3:5 Inni na marsee hadhaaʼummaa fi gidiraa natti naannesseera.
LAM 3:6 Akkuma warra dur dhumanii akka ani dukkana keessa jiraadhu na godhe.
LAM 3:7 Inni akka ani hin miliqneef dallaa natti ijaare; foncaa ulfaatus natti feʼe.
LAM 3:8 Yommuu ani waammadhu yookaan gargaarsaaf iyyadhutti illee inni kadhannaa koo dhagaʼuu dida.
LAM 3:9 Karaa koo dhagaa soofameen cufe; daandii koo illee ni jalʼisa.
LAM 3:10 Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu, akkuma leenca dhokatee jiruu
LAM 3:11 daandii irraa na harkisee na ciccire; kophaatti na gate.
LAM 3:12 Inni iddaa isaa luqqifatee xiyya isaa natti qabe.
LAM 3:13 Korojoo isaa keessaa xiyya baasee onnee koo waraane.
LAM 3:14 Ani saba koo hundaaf waan kolfaa nan taʼe; isaan guyyaa guutuu faaruudhaan natti qoosu.
LAM 3:15 Inni waan hadhaaʼaa na nyaachise; hadhooftuu illee na quubse.
LAM 3:16 Inni dhagaadhaan ilkaan koo cabse; awwaara keessattis na dhidhiite.
LAM 3:17 Ani nagaa nan dhabe; gammachuun maal akka taʼes nan irraanfadhe.
LAM 3:18 Kanaafuu ani “Ulfinni koo, abdiin ani Waaqayyo irraa qabu hundinuu badeera” nan jedhe.
LAM 3:19 Ani rakkinaa fi asii achi jooruu koo, hadhaaʼummaa fi hadhooftuus nan yaadadha.
LAM 3:20 Lubbuun koo yeroo hunda waan kana yaaddi; na keessattis gad of qabdi.
LAM 3:21 Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha; kanaafuu ani abdii qaba.
LAM 3:22 Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii.
LAM 3:23 Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.
LAM 3:24 Anis, “Waaqayyo qooda koo ti; kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha.
LAM 3:25 Waaqayyo warra isa abdataniif, kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
LAM 3:26 Fayyisuu Waaqayyoo calʼisanii eeggachuun gaarii dha.
LAM 3:27 Yeroo dargaggummaa isaatti waanjoo baachuun namaaf gaarii dha.
LAM 3:28 Inni kophaa isaa calʼisee haa taaʼu; Waaqayyo isa baachiseeraatii.
LAM 3:29 Amma illee abdiin ni jira taʼaatii, inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu.
LAM 3:30 Inni nama isa dhaʼutti maddii isaa haa qabu; salphinaanis haa guutamu.
LAM 3:31 Gooftaan bara baraan nama hin gatuutii.
LAM 3:32 Inni gadda fidu illee garaa ni laafa; jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii.
LAM 3:33 Inni itti yaadee rakkina yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii.
LAM 3:34 Yommuu hidhamtoonni biyyattii keessa jiran hundi miilla jalatti dhidhiitaman,
LAM 3:35 yommuu fuula Waaqa Waan Hundaa Olii duratti mirgi nama tokkoo dhiibamu,
LAM 3:36 yommuu murtiin qajeelaan dhabamu, Gooftaan waan akkasii hin arguu?
LAM 3:37 Yoo Gooftaan ajajuu baate eenyutu dubbatee waan sana fiixaan baasuu dandaʼa?
LAM 3:38 Wanni hamaanii fi wanni gaariin afaanuma Waaqa Waan Hundaa Oliitii baʼa mitii?
LAM 3:39 Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu maaliif yommuu cubbuu isaatiif adabamutti guunguma ree?
LAM 3:40 Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu; gara Waaqayyoottis haa deebinu.
LAM 3:41 Nu onnee keenyaa fi harka keenya gara Waaqa samii keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu:
LAM 3:42 “Nu cubbuu hojjenneerra; fincilleerras; atis nuuf hin dhiifne.
LAM 3:43 “Ati dheekkamsaan of haguugdee nu ariite; gara laafina malees nu fixxe.
LAM 3:44 Akka kadhannaan tokko iyyuu gara kee hin dhufneef ati duumessaan of haguugde.
LAM 3:45 Ati saboota gidduutti xurii fi kosii nu goote.
LAM 3:46 “Diinonni keenya hundinuu, afaan nutti banataniiru.
LAM 3:47 Sodaa fi kiyyoon, diigamuu fi badiisni nutti dhufeera.”
LAM 3:48 Sababii uummanni koo barbadaaʼeef lolaan imimmaanii ija koo keessaa yaaʼa.
LAM 3:49 Iji koo boqonnaa malee utuu gargar hin kutin imimmaan lolaasa;
LAM 3:50 kunis hamma Waaqayyo ol samiidhaa gad ilaalee argutti.
LAM 3:51 Sababii dubartoota magaalaa koo hundaatiif wanni ani argu lubbuu koo gaddisiisa.
LAM 3:52 Warri sababii malee diina natti taʼan akkuma simbiraa na adamsan.
LAM 3:53 Isaan lubbuu koo boolla keessatti galaafatanii dhagaa natti garagalchuu yaalan;
LAM 3:54 bishaan mataa koo irra gara gale; anis, “Baduu koo ti” nan jedhe.
LAM 3:55 Yaa Waaqayyo, ani boolla qilee keessaa maqaa kee nan waammadha.
LAM 3:56 Ati kadhannaa koo kan, “Iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyu dhagaʼuu hin didin” jedhu dhageesseerta.
LAM 3:57 Yeroo ani si waammadhetti ati natti dhiʼaattee “Hin sodaatin” naan jette.
LAM 3:58 Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite; lubbuu koos ni baraarte.
LAM 3:59 Yaa Waaqayyo, ati daba natti hojjetame argiteerta; dubbii koo naa ilaali!
LAM 3:60 Ati haaloo baʼuu isaaniitii fi natti malachuu isaanii hundas argiteerta.
LAM 3:61 Yaa Waaqayyo, ati arraba isaaniitii fi natti malachuu isaanii hunda dhageesseerta;
LAM 3:62 kunis arraba warra natti kaʼaniitii fi waan isaan guyyaa guutuu waaʼee koo hasaasanii dha.
LAM 3:63 Ati isaan ilaali! Isaan taaʼanii yookaan dhadhaabatanii weedduu isaaniitiin natti qoosu.
LAM 3:64 Yaa Waaqayyo, waan isaaniif malu akkuma hojii harka isaaniitti deebisii kenniif.
LAM 3:65 Onnee isaanii haguugi; abaarsi kees isaan irra haa buʼu!
LAM 3:66 Samiiwwan Waaqayyoo jalaa dheekkamsaan isaan ariʼii isaan balleessis.
LAM 4:1 Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe? Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame! Dhagaawwan iddoo qulqulluu fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru.
LAM 4:2 Ilmaan Xiyoon kanneen akka warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun amma akkamitti akka okkotee supheetti, akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu!
LAM 4:3 Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf harma isaanii ni kennu; sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii gara jabeessa taʼeera.
LAM 4:4 Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii laagaatti maxxana; ijoolleen buddeena kadhatti: garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru.
LAM 4:5 Warri dur cidha nyaachaa turan, rakkatanii daandii irra jiru. Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan harʼa tuullaa dikee hammatu.
LAM 4:6 Adabbiin yakka saba koo adabbii yakka Sodoom kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin tasa badde sanaa caalaa guddaa ture.
LAM 4:7 Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu, aannan caalaa adaadii turan; dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa, bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture.
LAM 4:8 Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru; daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru. Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera; akka mukaas gogeera.
LAM 4:9 Warra beelaan dhumanii mannaa, warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya; Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii beelaan alatti goggoganii dhumu.
LAM 4:10 Yeroo sabni koo dhumetti dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin akka nyaata isaanii taʼaniif ijoollee ofii affeelan.
LAM 4:11 Waaqayyo dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise; aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase. Xiyoon keessattis ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise.
LAM 4:12 Akka diinonni yookaan amajaajonni karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan, mootonni biyya lafaa yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne.
LAM 4:13 Garuu wanni kun sababii cubbuu raajota isheetii fi balleessaa luboota ishee kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiif taʼe.
LAM 4:14 Isaan akkuma jaamotaa daandii irra gatantaru. Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru.
LAM 4:15 Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa! Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu. Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran, “Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu.
LAM 4:16 Waaqayyo mataa isaatu isaan bittinneesse; inni siʼachi isaan hin eegu. Luboonni hin kabajamne; maanguddoonni surraa hin arganne.
LAM 4:17 Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan iji keenya dadhabe; gamoo keenya irra teenyee saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne.
LAM 4:18 Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef namoonni tarkaanfii keenya eegu. Dhumni keenya dhiʼaateera; guyyoonni keenyas gabaabataniiru; badiisni keenya dhufeeraatii.
LAM 4:19 Warri nu ariʼan risaa samii caalaa saffisu; isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu.
LAM 4:20 Hafuurri lubbuu keenyaa kan Waaqayyo dibe, kiyyoo isaaniitiin qabame. Nu waan gaaddidduu isaa jala, Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre.
LAM 4:21 Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu ati ililchi, gammadis. Garuu xoofoon sun siifis ni kennama; atis machooftee qullaa kee hafta.
LAM 4:22 Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma; inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu. Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe; hammina kees ifatti baasa.
LAM 5:1 Yaa Waaqayyo, waan nurra gaʼe yaadadhu; ilaali; salphina keenyas argi.
LAM 5:2 Handhuuraan keenya alagootaaf, manneen keenyas Namoota Ormaatiif dabarfamanii kennamaniiru.
LAM 5:3 Nu ijoollee abbaa hin qabne taane; haadhonni keenya immoo haadhota hiyyeessaa taʼaniiru.
LAM 5:4 Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre; qoraan illee bittaa qofaan arganna.
LAM 5:5 Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru; nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu.
LAM 5:6 Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine;
LAM 5:7 Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban; nu immoo adabbii isaanii baanne.
LAM 5:8 Garbootatu nu bulcha; namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru.
LAM 5:9 Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna.
LAM 5:10 Gogaan keenya sababii beelaatiin akkuma badaa ibiddaa hoʼa.
LAM 5:11 Xiyoon keessatti dubartoonni, magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun humnaan gudeedaman.
LAM 5:12 Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru; maanguddoonni ulfina hin arganne.
LAM 5:13 Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman; ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran.
LAM 5:14 Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru; dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru.
LAM 5:15 Gammachuun garaa keenya keessaa badeera; shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera.
LAM 5:16 Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera. Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii!
LAM 5:17 Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe; sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;
LAM 5:18 Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii.
LAM 5:19 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan bulchi; teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
LAM 5:20 Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta? Maaliif bara dheeraas nu dhiifta?
LAM 5:21 Yaa Waaqayyo, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi; bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi.
LAM 5:22 Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte, yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.
EZE 1:1 Waggaa soddommaffaa keessa, bultii shanaffaa jiʼa afuraffaatti utuu ani Laga Kebaar biratti boojiʼamtoota gidduu jiruu samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqaa nan arge.
EZE 1:2 Jiʼa sana keessaas bultii shanaffaatti jechuunis Yehooyaakiin Mootichi boojiʼamee waggaa shanaffaatti,
EZE 1:3 dubbiin Waaqayyoo Laga Kebaar biratti biyya Baabilonotaa keessatti gara Hisqiʼeel lubicha ilma Buuz dhufe. Achittis harki Waaqayyoo isa irra ture.
EZE 1:4 Anis milʼadhee bubbee hamaa karaa kaabaatiin dhufaa jiru jechuunis duumessa guddaa balaqqeessa ifuu fi ifa guddaan marfame tokkon arge. Wiirtuun ibidda sanaas sibiila ibiddaan diimeffame fakkaata ture;
EZE 1:5 ibidda sana keessas waan uumamawwan jiraatoo afur fakkaatu tokkotu ture. Bifti isaas bifa namaa fakkaata ture;
EZE 1:6 tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan.
EZE 1:7 Miilli isaanii qajeelaa dha; faanni isaanii immoo kottee jabbii fakkaatee akka naasii dibameetti ni calaqqisa ture.
EZE 1:8 Qoochoo isaanii jalaanis qixa afraniin harka namaa qabu ture. Afran isaanii hundi fuulaa fi qoochoo qabu turan;
EZE 1:9 qoochoon isaaniis wal tuqa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman; yeroo deemanittis of duuba hin milʼatan ture.
EZE 1:10 Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Afran isaanii iyyuu tokkoon tokkoon isaanii fuula namaa qabu ture; karaa mirgaatiin tokkoon tokkoon isaanii fuula leencaa, karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo qabu ture; akkasumas tokkoon tokkoon isaanii fuula risaa qabu ture.
EZE 1:11 Egaa fuulli isaanii akkas ture. Qoochoon isaaniis ol diriirfama ture. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoo lama lama qabu ture. Qoochoo tokkoo tokkoo isaanii karaa lamaaniinuu qoochoo uumama kaanii tuqa; qoochoon lama immoo dhagna isaa haguuga ture.
EZE 1:12 Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti ni deeman. Isaanis utuu of irra hin milʼatin iddoo hafuurri deemu hunda dhaqu turan.
EZE 1:13 Bifti uumamawwan jiraatoo sanaa cilee ibiddaa kan bobaʼu yookaan guca bobaʼu fakkaata ture. Uumamawwan sana gidduus ibiddi asii fi achi sosochoʼa ture; ni ifas ture; bakakkaanis isa keessaa ni baʼa ture.
EZE 1:14 Uumamawwan sunis akka ifa bakakkaa asii fi achi darbatamu ture.
EZE 1:15 Anis akkuman uumamawwan jiraatoo sana ilaaleen tokkoo tokkoo uumama fuula afur afur qabu sanaa cinatti geengoo tokko tokko nan arge.
EZE 1:16 Biftii fi haalli geengoowwan sun ittiin hojjetamaniis akkana ture: Isaanis akka dhagaa gati jabeessa biiralee jedhamuu calaqqisu ture; afran isaanii hundinuu wal fakkaatu ture. Tokkoon tokkoon geengoo sanaa waan geengoo kaanitti diramee hojjetame fakkaata ture.
EZE 1:17 Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kamiin iyyuu deeman; yommuu uumamawwan sun deemanis geengoowwan kallattii hin geeddaratan ture.
EZE 1:18 Qarqarri geengoowwan sanaas ol dheeraa fi sodaachisaa ture; qarqarri geengoowwanii afranuus guutumaan guutuutti ijaan marfamanii turan.
EZE 1:19 Yeroo uumamawwan jiraatoon sun deemanitti geengoowwan isaan cinaan jiranis ni deeman; yommuu uumamawwan jiraatoon ol kaʼanitti geengoowwanis ol kaʼan.
EZE 1:20 Iddoo hafuurri dhaqu hundas ni dhaqu ture; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf geengoowwanis isaan wajjin ol kaʼan.
EZE 1:21 Yommuu uumamawwan sun deemanitti isaanis ni deeman; yommuu uumamawwan dhaabatanitti isaanis ni dhaabatan; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf yommuu uumamawwan sun lafaa ol kaʼanitti geengoowwanis isaanuma wajjin ol kaʼan.
EZE 1:22 Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatiin ol waan akka bantii samii kan akka bilillee calaqqisuu fi kan nama sodaachisu tokkotu diriirfamee ture.
EZE 1:23 Bantii samii sana jalatti qoochoowwan isaaniis walitti diriirfamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan ittiin dhagna isaanii haguuggatan lama lama qabu turan.
EZE 1:24 Yeroo uumamawwan sun deemanitti ani sagalee qoochoowwan isaanii nan dhagaʼe; sagaleen kunis sagalee akka bishaan guutee huursuu, akka sagalee Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutii fi akka waca tuuta loltootaa ture. Isaan yeroo dhaabatan qoochoowwan isaanii gad qabatu ture.
EZE 1:25 Akkuma isaan qoochoo isaanii gad qabatanii dhaabataniinis bantii samii kan mataa isaaniitiin ol jiru sana irraa sagaleen tokko dhufe.
EZE 1:26 Bantii samii kan mataa isaaniitii ol jiru gubbaa waan akka teessoo sanpeer fakkaatu tokkotu ture; teessoo sanaa olittis fakkaattii akka fakkaattii namaa tokkotu ture.
EZE 1:27 Anis waan mudhii isaa fakkaatuun olitti sibiila diimeffamee ibidda fakkaatu kan ibiddaan guutame tokko nan arge; waan mudhii isaa fakkaatu sanaan gadittis inni ibidda fakkaata ture; ifni guddaanis isa marsee ture.
EZE 1:28 Gonfoon ifaa kan naannoo isaa ture sunis bifa sabbata Waaqaa kan guyyaa roobni roobuu fakkaata ture. Kunis bifa fakkaattii ulfina Waaqayyoo ture. Anis yeroon waan kana argetti addaan lafatti gombifamee sagalee waan dubbachaa jiru tokkoo nan dhagaʼe.
EZE 2:1 Innis, “Yaa ilma namaa, miilla keetiin dhaabadhu; ani sittan dubbadhaa” naan jedhe.
EZE 2:2 Akkuma inni dubbateenis Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise; anis isaa natti dubbatu nan dhagaʼe.
EZE 2:3 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ani gara Israaʼelootaatti, gara saba fincilaa kan natti fincile sanaatti sin erga; isaanii fi abbootiin isaanii hamma harʼaatti natti fincilaniiru.
EZE 2:4 Sabni ani itti si ergu sun didaa fi mata jabeessa. Atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin.
EZE 2:5 Isaan mana fincilaadhaatii; dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis akka raajiin isaan gidduu jiru ni beeku.
EZE 2:6 Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.
EZE 2:7 Waan isaan finciltoota taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda.
EZE 2:8 Yaa ilma namaa, ati garuu waan ani siin jedhu dhaggeeffadhu; ati akka mana fincilaa sanaa hin fincilin; afaan kee banadhuutii waan ani siif kennu nyaadhu.”
EZE 2:9 Kana irratti ani utuu harki tokko natti hiixatuun arge. Harka sana keessas kitaaba maramaa tokkotu ture;
EZE 2:10 innis fuula koo duratti kitaaba sana diriirse. Kitaaba sana irrattis, duraa duubaan faaruun booʼichaa, gaddii fi wawwaannaan barreeffamanii turan.
EZE 3:1 Innis, “Yaa ilma namaa waan fuula kee dura jiru nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhu; ergasii dhaqiitii mana Israaʼelitti himi” naan jedhe.
EZE 3:2 Kanaafuu ani afaan koon banadhe; innis akka ani nyaadhuuf kitaaba maramaa sana naa kenne.
EZE 3:3 Innis, “Yaa ilma namaa, kitaaba maramaa ani siif kennu kana nyaadhu; garaa kees ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; afaan koo keessattis akka dammaa natti miʼaawe.
EZE 3:4 Ergasii immoo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, amma gara mana Israaʼel dhaqiitii dubbii koo isaanitti himi.
EZE 3:5 Ati gara mana Israaʼelitti malee gara uummata haasaan isaa namaa hin gallee fi afaan isaa nama rakkisuutti hin ergamne;
EZE 3:6 ati gara uummata haasaan isaanii namaa hin gallee fi afaan isaanii nama rakkisu kan ati dubbii isaanii illee hubachuu hin dandeenyeetti hin ergamne. Dhugumaan utuu ani isaanitti si ergee jiraadhee silaa isaan si dhaggeeffatu ture.
EZE 3:7 Manni Israaʼel garuu sababii ana dhagaʼuu hin feeneef siinis dhagaʼuu hin fedhan; manni Israaʼel hundi didaa fi mata jabeeyyiidhaatii.
EZE 3:8 Kunoo, ani fuula kee fuula isaaniitti jabeesseera; adda kee illee adda isaatiin jabeesseera.
EZE 3:9 Adda kee akka dhagaa akka malee jabaa kan dhagaa baalcii caalaa jabaatuu nan godha. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati isaan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.”
EZE 3:10 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waan ani sitti dubbadhu hunda sirriitti dhagaʼiitii garaatti qabadhu.
EZE 3:11 Amma gara saba kee warra boojiʼaman sanaa dhaqiitii isaanitti dubbadhu. Isaan dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin.”
EZE 3:12 Ergasiis Hafuurri ol na kaase; anis sagalee guddaa gigigsu kan, “Ulfinni Waaqayyoo iddoo jireenya isaatti haa eebbifamu!” jedhu tokko of duubaan nan dhagaʼe.
EZE 3:13 Sagaleen kunis sagalee guddaa gigigsu kan yeroo qoochoowwan uumamawwan jiraatoo sanaa wal riganii fi sagaleen geengoowwan isaan cina jiran dhageessisan ture.
EZE 3:14 Hafuurris ol na kaasee na fudhatee deeme; anis hadheeffadhee utuma hafuurri koo aaree gubatuu nan deeme; harki Waaqayyoo jabaan sunis ana irra ture.
EZE 3:15 Anis gara boojiʼamtoota Teel Abiib keessa Laga Kebaar bira jiraatan sanaan dhufe. Achittis waanan godhu wallaalee guyyaa torba isaan gidduu nan taaʼe.
EZE 3:16 Dhuma guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
EZE 3:17 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni.
EZE 3:18 Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati isa akeekkachiisuu yookaan akka inni karaa isaa hamaa irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatu itti himuu baatte, namichi hamaan sun sababii cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada.
EZE 3:19 Garuu yoo ati nama hamaa sana akeekkachiiftee inni immoo hammina isaa irraa yookaan karaa isaa isa hamaa sana irraa deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee ni oolfatta.
EZE 3:20 “Amma illee yoo namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa irraa jalʼatee hammina hojjete, ani fuula isaa dura gufuu nan kaaʼa; innis ni duʼa. Waan ati isa hin akeekkachiisiniif inni cubbuu isaatiin ni duʼa; wanni qajeelaan inni hojjete sunis isaaf hin herregamu; anis dhiiga isaatiif sin gaafadha.
EZE 3:21 Garuu yoo ati nama qajeelaa sana akka inni cubbuu hin hojjenneef isa akeekkachiiftee innis cubbuu hojjechuu baate, inni sababii akeekkachiisa sana fudhateef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; atis lubbuu kee ni oolfatta.”
EZE 3:22 Achittis harki Waaqayyoo narra ture; innis, “Kaʼiitii gara dirreetti baʼi; anis achitti sitti nan dubbadhaa” naan jedhe.
EZE 3:23 Kanaafuu ani kaʼee gara dirreetti nan baʼe. Ulfinni Waaqayyoos achi dhaabatee ture; innis ulfina ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame.
EZE 3:24 Ergasii Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise. Innis akkana jedhee natti dubbate: “Mana keetti galiitii ofitti cufi.
EZE 3:25 Yaa ilma namaa, isaan funyoodhaan si hidhu; ati akka uummata gidduu deemuu hin dandeenyeef ni hidhamta.
EZE 3:26 Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu, ani akka ati hin dubbannee fi isaanitti dheekkamuu hin dandeenyeef arraba kee laagaa keetti nan maxxansa.
EZE 3:27 Ani yeroon sitti dubbadhutti garuu afaan kee siifan bana; atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ isaaniin jetta. Namni dhagaʼuu barbaadu kam iyyuu haa dhagaʼu; namni dhagaʼuu hin barbaanne kam iyyuu dhagaʼuu haa dhiisu; isaan mana fincilaadhaatii.
EZE 4:1 “Yaa ilma namaa, gabatee suphee tokko fuudhii fuula kee dura kaaʼiitii kaartaa magaalaa Yerusaalem irratti kaasi.
EZE 4:2 Ergasii waan ittiin marsan itti ijaari; dallaa dhagaatiin ishee marsi; kaabii itti naannessii tuuli; waan ittiin dallaa dhagaa jigsanis itti marsii kaaʼi.
EZE 4:3 Eelee sibiilaa fuudhiitii akka dallaa sibiilaatti siʼii fi magaalattii gidduu dhaabi; fuula kees gara isheetti deebifadhu; magaalattiin ni marfamti; atis ishee marsita. Kunis mana Israaʼeliif mallattoo ni taʼa.
EZE 4:4 “Ergasii cinaacha bitaatiin ciisiitii cubbuu mana Israaʼel of irra kaaʼi. Guyyaa cinaacha keetiin ciifte sana hundas ati cubbuu isaanii ni baatta.
EZE 4:5 Ani baayʼina waggoota isaan itti cubbuu hojjetan sanaa akka guyyootaatti ramadee siif kenneera. Kanaafuu ati cubbuu mana Israaʼel guyyaa 390 ni baatta.
EZE 4:6 “Ati erga waan kana fixxee booddee amma illee ciisi; yeroo kana immoo cinaacha kee kan mirgaatiin ciisiitii cubbuu mana Yihuudaa baadhu. Anis tokkoo tokkoo waggaatiif guyyaa tokko tokko ramadee, guyyaa 40 siif kenneera.
EZE 4:7 Fuula kee gara marfama Yerusaalemitti deebifadhuutii irree qullaadhaan isheetti raajii dubbadhu.
EZE 4:8 Hamma ati guyyoota marfama keetii fixattutti akka ati cinaacha tokko irraa gara cinaacha kaaniitti hin garagalleef ani funyoodhaan sin hidha.
EZE 4:9 “Qamadii fi garbuu, baaqelaa fi misira, bisingaa fi honborii fuudhii okkotee keessa kaaʼadhuutii ittiin buddeena tolfadhu. Buddeena kanas yeroo guyyoota 390 cinaacha keetiin ciiftutti nyaatta.
EZE 4:10 Ati akka guyyaa guyyaan nyaattuuf nyaata saqilii digdama madaali; isas yeroo murteeffametti nyaadhu.
EZE 4:11 Akkasuma bishaan safartuu iinii tokko harka jaʼa keessaa harka tokko safariitii yeroo murteeffametti dhugi.
EZE 4:12 Nyaata sanas akkuma Maxinoo garbuu nyaattutti nyaadhu; isas udaan namaa bobeesiitii Maxinoo tolchi.”
EZE 4:13 Waaqayyos “Haala kanaan ijoolleen Israaʼel saboota ani itti isaan bittinneessu keessatti nyaata xuraaʼaa nyaatu” jedhe.
EZE 4:14 Anis akkanan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa akkana miti! Ani takkumaa of xureessee hin beeku. Ijoollummaa kootii jalqabee hamma ammaatti takkumaa waan ofiin duʼe yookaan waan bineensi ajjeese nyaadhee hin beeku. Foon qulqulluu hin taʼin gonkumaa afaan koo seenee hin beeku.”
EZE 4:15 Innis, “Kun gaarii dha; ani akka ati qooda udaan namaatiin buddeena kee tolfattu akka dikee saʼaatiin tolfattu siifin eeyyama” naan jedhe.
EZE 4:16 Innis ittuma fufee akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa ani madda nyaata Yerusaalem nan gogsa; uummanni nyaata safarame yaaddoodhaan nyaata; bishaan safarames sodaadhaan dhuga;
EZE 4:17 hanqinni midhaaniitii fi bishaanii ni jiraataatii. Isaanis naasuudhaan wal ilaalu; sababii cubbuu isaaniitiinis ni badu.
EZE 5:1 “Yaa ilma namaa, goraadee qara qabu fudhadhuutii akkuma qarabaa ittiin haaddatanitti mataa keetii fi areeda kee ittiin haaddadhu. Rifeensa sanas madaaliidhaan madaaliitii gargar qoodi.
EZE 5:2 Yeroo barri marfamuu keetii dhumatutti rifeensa sana keessaa harka sadii keessaa harka tokko magaalattii keessatti ibiddaan gubi. Harka sadii keessaa harka tokko fuudhii magaalattii marsiitii goraadeen cicciri. Harka sadii keessaa harka tokko immoo bubbeetti bittinneessi. Ani goraadee luqqifameen isaanan ariʼaatii.
EZE 5:3 Rifeensa sana irraa xinnoo fuudhiitii handaara wayyaa keetiitti guduunfadhu.
EZE 5:4 Ammas kanneen keessaa xinnoo fuudhiitii ibiddatti naqi; gubis. Ibiddi achii kaʼee guutummaa mana Israaʼel keessa faffacaʼa.
EZE 5:5 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yerusaalem isheen ani biyyoota itti naannessee saboota walakkaa teessise sun ishee kanaa dha.
EZE 5:6 Isheenis sabootaa fi biyyoota naannoo ishee jiraatan caalaa hammina isheetiin seera kootii fi ajaja kootti fincilteerti; isheen seera koo gatteerti; ajaja koos duukaa hin buune.
EZE 5:7 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin saboota naannoo keessan jiraatan caalaa warra hin ajajamne taataniirtu; isin ajaja koo duukaa hin buune yookaan seera koo hin eegne. Isin seera saboonni naannoo keessan jiraatan eegani iyyuu hin eegne.
EZE 5:8 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Yerusaalem, ani mataan koo sittan kaʼa; fuula sabootaa durattis sin adaba.
EZE 5:9 Ani sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatiif waanan kanaan dura takkumaa godhee hin beekin, waanan siʼachis gonkumaa hin goone sitti nan fida.
EZE 5:10 Kanaafuu si keessatti abbootiin ijoollee isaanii ni nyaatu; ijoolleen immoo abbootii isaanii ni nyaatu. Ani sin adaba; hambaawwan kee hundas bubbeetti nan bittinneessa.
EZE 5:11 Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, jedha Waaqayyo Gooftaan; sababii ati fakkiiwwan kee kanneen faayidaa hin qabne hundaa fi gochawwan kee jibbisiisoo sanaan mana qulqullummaa koo xureessiteef ani fuula koo sirraa nan deebiffadha; ani si hin baraaru yookaan garaa siif hin laafu.
EZE 5:12 Uummanni kee harka sadii keessaa harki tokko dhaʼichaan duʼa yookaan beelaan si keessatti dhuma; harka sadii keessaa harki tokko dallaa keetiin alatti goraadeedhaan galaafatama; harka sadii keessaa harka tokko immoo anatu bubbeetti bittinneessa; goraadee luqqifameenis ariʼa.
EZE 5:13 “Ergasii aariin koo narraa gala; dheekkamsi koo kan isaanitti dhufe sun ni qabbanaaʼa; anis haaloo nan baafadha. Yeroo ani dheekkamsa koo isaanitti fidetti isaan akka ani Waaqayyo hinaaffaa kootiin dubbadhe ni beeku.
EZE 5:14 “Saboota naannoo kee jiraatan gidduutti fuula warra achiin darban hundaa duratti onaa fi waan fafaa sin godha.
EZE 5:15 Yeroo ani aariidhaan, dheekkamsaa fi adabbiidhaan si adabutti, ati fuula saboota naannoo kee jiraatanii duratti waan fafaa, waan kolfaa, waan ilaalanii quba itti qabanii fi waan sodaa ni taata. Ani Waaqayyo dubbadheera.
EZE 5:16 Ani yeroon xiyya beelaa kan nama ajjeesuu fi nama barbadeessu isinitti darbadhutti isin balleessuuf jedheen darbadha. Ani beela irratti beela isinittin fida; madda nyaata keessaniis nan gogsa.
EZE 5:17 Ani beelaa fi bineensa isinittan erga; isaanis ijoollee malee isin hambisu. Dhaʼichii fi dhangalaafamuun dhiigaa isin haxaaʼa; ani goraadee isinittin fida. Ani Waaqayyo dubbadheera.”
EZE 6:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 6:2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara tulluuwwan Israaʼelitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raajii dubbadhu;
EZE 6:3 akkanas jedhi; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, hallayyaawwanii fi sululawwaniin akkana jedha: Ani goraadee isinitti fiduufan jira; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoo ol kaʼaa irraa illee nan balleessa.
EZE 6:4 Iddoowwan aarsaa keessan ni diigamu; iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa ni caccabu; anis namoota keessan fuula waaqota keessan tolfamoo duratti nan gorraʼa.
EZE 6:5 Reeffa Israaʼelootaa fuula waaqota isaanii tolfamoo dura nan ciciibsa; lafee keessanis naannoo iddoo aarsaa keessaniitti nan bittinneessa.
EZE 6:6 Akka iddoowwan aarsaa keessanii diigamanii barbadeeffamaniif, akka waaqonni keessan tolfamoon caccabanii hunkutaaʼaniif, akka iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa burkuteeffamanii fi akka hojiin harka keessanii balleeffamuuf iddoo isin jiraattan hunda keessatti magaalaawwan keessan ni onu; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoowwan ol kaʼoo irraas ni barbadeeffamu.
EZE 6:7 Namoonni keessan qalamanii gidduu keessanitti harcaʼu; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 6:8 “ ‘Ani garuu yommuu isin biyyootaa fi saboota gidduutti bittinnooftanitti sababii isin keessaa gariin goraadee jalaa miliqxaniif, namoota muraasa nan hambisa.
EZE 6:9 Warri miliqan sun saboota itti boojiʼaman sana keessa taaʼanii yaada isaanii ejjaa isa narraa garagalee fi ija isaanii isa waaqota isaanii tolfamoo dharraʼe sanaan hammam akka na gaddisiisan ni yaadatu. Isaanis hammina hojjetanii fi gochawwan isaanii jibbisiisoo hundaaf of jibbu.
EZE 6:10 Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku; ani waan hamaa kana isaanittin fida jedhee akkasumaan hin dubbanne.
EZE 6:11 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii hamminaatii fi gochaawwan jibbisiisoo mana Israaʼel hundaatiif isaan goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumuutii harka kee walitti rukutii, miilla keetiinis lafa dhiitii, “Ani bade!” jedhii booʼi.
EZE 6:12 Inni fagoo jiru dhaʼichaan ni duʼa; kan dhiʼoo jirus goraadeedhaan ni galaafatama; kan hafee fi kan miliqe immoo beelaan duʼa. Anis haala kanaan dheekkamsa koo isaanitti nan roobsa.
EZE 6:13 Isaan yeroo namoonni isaanii naannoo iddoowwan aarsaa isaaniitti, waaqota isaanii tolfamoo gidduutti, gaarran ol dhedheeroo hunda irratti, fiixee tulluuwwanii hunda irratti, mukkeen lalisoo hunda jalattii fi qilxuu baala baayʼatu hunda jalatti jechuunis iddoowwan isaan itti waaqota isaanii tolfamoo sanaaf ixaana urgaaʼaa aarsan hundatti gorraʼamanii ciciisanitti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 6:14 Anis harka koo isaanitti nan kaasa; iddoo isaan jiraatan hundatti jechuunis gammoojjiidhaa jalqabee hamma Diblaatiitti biyyattii nan onsa. Isaanis akka ani Waaqa taʼe ni beeku.’ ”
EZE 7:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 7:2 “Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan biyya Israaʼeliin akkana jedha: “ ‘Dhuma! Golee biyyattii afranitti dhumni dhufeera.
EZE 7:3 Ammas dhumni kee gaʼeera; dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ani akkuma amala keetiitti sitti nan mura; gochawwan kee jibbisiisoo hundaafis ani sin adaba.
EZE 7:4 Ani gara laafinaan si hin ilaalu yookaan si hin baasu; ani hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti, amala keetiif sin adaba. “ ‘Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’
EZE 7:5 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Badii! Badiin takkaa hin dhagaʼamin tokko dhufaa jira.
EZE 7:6 Dhumni dhufeera! Dhumni dhufeera! Inni mataan isaa isinitti kaʼeera. Inni dhufeera!
EZE 7:7 Yaa warra biyyattii keessa jiraattan, badiin isinitti dhufeera. Yeroon gaʼeera; guyyaan dhiʼaateera; tulluuwwan irratti gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu taʼa.
EZE 7:8 Ani dheekkamsa koo sitti dhangalaasuudhaafan jira; aarii koo illee sitti nan baʼa; akkuma amala keetiittis sitti nan mura; gochaawwan kee jibbisiisoo sana hundaafis sin adaba.
EZE 7:9 Ani gara laafinaan si hin ilaalu yookaan si hin baraaru. Hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti ani akkuma amala keetiitti sin adaba. “ ‘Ergasiis akka kan rukutu sun ana Waaqayyo taʼe isin ni beektu.
EZE 7:10 “ ‘Guyyaan sun kunoo ti! Inni dhufeera! Badiin cabsee dhufeera; uleen lateera; of tuulummaan daraareera!
EZE 7:11 Gooliin guddatee ulee hammina adabu taʼeera; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafu; waldaa isaanii keessaa, qabeenya isaaniitii fi waan faayidaa qabu keessaa tokko iyyuu hin hafu.
EZE 7:12 Yeroon sun dhufeera; guyyaan sun gaʼeera. Inni bitu hin gammadin; kan gurgurus hin gaddin; dheekkamsi guutummaa isaaniitti dhufaatii.
EZE 7:13 Hamma lamaan isaanii iyyuu lubbuun jiranitti inni lafa gurgure hin deebifatu; mulʼanni waaʼee sabaatiif mulʼate duubatti hin deebiʼuutii. Sababii cubbuu isaaniitiif isaan keessaa namni tokko iyyuu lubbuu ofii isaa hin oolfatu.
EZE 7:14 “ ‘Sababii dheekkamsi koo waldaa hunda irra jiruuf isaan malakata afuufanii waan hunda qopheeffatan iyyuu, namni tokko iyyuu gara adda waraanaa hin dhaqu.
EZE 7:15 Alaan goraadeetu jira; keessaan immoo dhaʼichaa fi beelatu jira; warri baadiyyaa goraadeedhaan duʼu; warri magaalaa keessaa immoo beelaa fi dhaʼichaan dhumu.
EZE 7:16 Baqattoonni warri miliqan tulluuwwanitti baqatu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma gugeewwan sululaa sababii cubbuu isaaniitiif ni aadu.
EZE 7:17 Harki hundi ni naafata; jilbi hundinuus bishaan taʼa.
EZE 7:18 Isaan wayyaa gaddaa uffatanii sodaadhaan haguugamu. Fuulli isaanii qaanii uffata; mataan isaaniis ni haadama.
EZE 7:19 “ ‘Isaan meetii isaanii daandiiwwan irratti gatu; warqeen isaanii akka waan xuraaʼaa taʼa. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetii fi warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu. Isaan nyaatanii beela hin baʼan yookaan garaa isaanii hin guuttatan; meetii fi warqeen isaanii isaan gufachiisee cubbuutti isaan galcheeraatii.
EZE 7:20 Isaan faaya bareedaa isaaniitiin of tuulanii waaqota isaanii jibbisiisoo fi fakkiiwwan faayidaa hin qabne sana tolchuuf itti fayyadaman. Kanaafuu ani wantoota kanneen gara waan xuraaʼaatti isaan duraa nan geeddara.
EZE 7:21 Ani harka namoota biyya ormaatti boojuudhaaf, hamoota lafaattis saamichaaf dabarsee ishee nan kenna; isaanis isa ni xureessu.
EZE 7:22 Ani fuula koo isaan irraa nan deebifadha; isaanis iddoo koo jaallatamaa sana ni xureessu; saamtonnis itti seenanii ni xureessu.
EZE 7:23 “ ‘Sababii biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalattiin immoo gooliidhaan guutamteef foncaa qopheessi.
EZE 7:24 Ani akka isaan manneen isaanii dhaalaniif warra saboota keessaa akka malee hamoo taʼan nan fida; of tuulummaa namoota jajjaboo nan cabsa; manneen qulqullummaa isaaniis nan xureessa.
EZE 7:25 Yeroo raafamni dhufutti isaan nagaa barbaadu; garuu tokko illee hin argatan.
EZE 7:26 Badiin badii irratti, oduunis, oduu irratti ni dhufa. Isaan raajii irraa mulʼata argachuu ni yaalu; seerri luboota biraa, gorsi immoo maanguddoota biraa ni dhabama.
EZE 7:27 Mootiin ni booʼa; ilmi mootii abdii kutata; harki uummata biyyattii ni hollata. Ani akkuma hojii isaaniitti gatii isaanii nan kennaaf; akkuma seera ofii isaaniittis murtii nan kennaaf. “ ‘Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”
EZE 8:1 Waggaa jaʼaffaatti, jiʼa jaʼaffaa keessa guyyaa shanaffaatti, utuu ani mana koo keessa taaʼee, maanguddoonni Yihuudaas fuula koo dura tataaʼanii jiranuu achumatti harki Waaqayyo Gooftaa narra buʼe.
EZE 8:2 Anis milʼadhee fakkaattii akka fakkaattii namaa tokko nan arge. Innis waan mudhii isaa fakkaatuu gaditti ibidda fakkaata ture; achii olitti immoo bifti isaa sibiila ibiddaan diimeffamee ifu fakkaata ture.
EZE 8:3 Innis waan harka fakkaatu tokkoon hiixatee rifeensa mataa kootii qabe. Hafuurris lafaa fi samii gidduutti ol na fuudhee mulʼata Waaqaatiin gara Yerusaalem, gara karra balbala kaabaa kan oobdii gara keessaatti, iddoo waaqni tolfamaan hinaaffaaf nama kakaasu sun dhaabatee jiruutti na geesse.
EZE 8:4 Ulfinni Waaqa Israaʼel kan ani mulʼataan dirree keessatti argee ture sun achittis fuula koo dura ture.
EZE 8:5 Innis, “Yaa ilma namaa, gara kaabaa ilaali” naan jedhe; anis milʼadhee karaa karra balbala kaabaa kan iddoo aarsaatiin waaqa tolfamaa kan hinaaffaa sana nan arge.
EZE 8:6 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, wantoota akka malee jibbisiisoo kanneen akka ani iddoo qulqulluu koo irraa fagaadhu na godhan kan manni Israaʼel asitti gochaa jiru kana ni argitaa? Ati garuu waan waan kana caalaa jibbisiisaa taʼe iyyuu ni argita.”
EZE 8:7 Ergasii inni gara karra oobdiitti na fide. Anis milʼadhee qaawwa keenyan manaa nan arge.
EZE 8:8 Innis, “Yaa ilma namaa, keenyan manaa uri” naan jedhe. Kanaafuu ani keenyan manaa sana uree balbala tokko achitti nan arge.
EZE 8:9 Innis, “Ol seeniitii waan hamaa fi jibbisiisaa isaan asitti hojjechaa jiran kana ilaali” naan jedhe.
EZE 8:10 Anis ol seeneen ilaale; kunoo ani gosa uumamawwan lafa irra looʼanii hunda, bineensota jibbisiisoo hundaa fi waaqota tolfamoo mana Israaʼel hunda keenyan manaa hunda irratti fakkeeffamanii nan arge.
EZE 8:11 Fuula isaanii duras maanguddoonni mana Israaʼel torbaatamni dhadhaabatanii turan; Yaazaniyaan ilmi Shaafaan immoo gidduu isaanii dhaabatee ture. Tokkoon tokkoon isaaniis harka isaaniitti girgiraa qabatanii turan; duumessi aara ixaanaa urgaaʼaanis ol baʼa ture.
EZE 8:12 Innis, “Yaa ilma namaa, waan maanguddoonni mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii galma waaqeffannaa waaqa isaanii tolfamaa sanaa keessatti dukkana keessa hojjetan argiteertaa? Isaan, ‘Waaqayyo nu hin argu; Waaqayyo biyyattii dhiiseera’ jedhan.”
EZE 8:13 Ammas inni, “Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼan kan isaan hojjetan iyyuu ni argita” jedhe.
EZE 8:14 Ergasii gara karra balbala kaabaa kan mana Waaqayyootti na fide; achittis dubartoota tataaʼanii waaqa tolfamaa Tamuuz jedhamuuf booʼaa jiran nan arge.
EZE 8:15 Innis, “Yaa ilma namaa, kana argitaa? Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼani iyyuu ni argita” naan jedhe.
EZE 8:16 Ergasii immoo gara oobdii mana Waaqayyoo isa gara keessaatti na fide; achis balbala mana qulqullummaa dura gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduu namoota gara digdamii shaniitu ture. Isaanis dugda isaanii mana qulqullummaa Waaqayyootti, fuula isaanii immoo gara baʼa biiftuutti deebifatanii, gara baʼaatti garagalanii aduuf sagadaa turan.
EZE 8:17 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati waan kana argitaa? Wantoota jibbisiisoo kanneen asitti hojjechuun isaanii mana Yihuudaatiif laayyoodhaa? Isaan gooliidhaan biyyattii guutanii yeroo hunda aariif na kakaasuu qabuu? Kunoo isaan funyaan isaaniitti damee kaaʼataniiru!
EZE 8:18 Kanaafuu ani dheekkamsaan isaanitti nan dhufa; ija gara laafinaatiinis isaan hin ilaalu yookaan isaan hin baasu. Isaan gurra kootti iyyan iyyuu, ani isaan hin dhagaʼu.”
EZE 9:1 Ergasis ani isaa, “Warra tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii magaalattii balleessan as dhiʼeessi” jedhee gurra kootti iyyu nan dhagaʼe.
EZE 9:2 Anis utuu namoonni jaʼa kallattii karra ol aanuu kan gara kaabaa ilaaluun tokkoon tokkoon isaanii meeshaa nama ajjeesu harkatti qabatanii dhufaa jiranuu nan arge. Isaan wajjinis nama uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffate kan mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate tokkotu ture. Isaanis ol seenanii iddoo aarsaa naasii bira dhaabatan.
EZE 9:3 Ulfinni Waaqa Israaʼelis iddoo irra buʼee ture kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Ergasiis Waaqayyo namicha wayyaa quncee talbaa irraa tolfame uffatee mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate sana waame;
EZE 9:4 innis akkana jedheen; “Guutummaa magaalaa Yerusaalem keessa deemiitii adda namoota sababii wantoota jibbisiisoo ishee keessatti hojjetaman hundaatiif gaddanii booʼan irratti mallattoo godhi.”
EZE 9:5 Inni utuma ani dhagaʼuu warra kaaniin akkana jedhe; “Magaalattii keessa isa faana deemaatii utuu garaa hin laafin yookaan utuu hin mararfatin ajjeesaa.
EZE 9:6 Jaarsota, dargaggeeyyii, shamarran, dubartootaa fi ijoollee ajjeesaa; nama mallattoo qabu kam iyyuu garuu hin tuqinaa. Iddoo qulqullummaa koo irraa jalqabaa.” Kanaafuu isaan jaarsota fuula mana qulqullummaa dura jiran irraa jalqaban.
EZE 9:7 Innis, “Mana qulqullummaa xureessaa; waltajjichas reeffaan guutaa. Itti baʼaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad baʼanii magaalattii guutuu keessatti ajjeesuu jalqaban.
EZE 9:8 Utuu isaan ajjeesaa jiranii, ani kophaa koo hafee addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa Waaqayyo Gooftaa! Ati dheekkamsa kee Yerusaalem irratti roobsuudhaan hambaawwan Israaʼel hunda balleessuuf jirtaa?” jedheen iyye.
EZE 9:9 Innis akkana jedhee naaf deebise; “Cubbuun mana Israaʼelii fi Yihuudaa akka malee guddaa dha; biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalaan immoo jalʼinaan guutamteerti. Isaan, ‘Waaqayyo biyyattii gateera; Waaqayyo hin argu’ jedhu.
EZE 9:10 Kanaafuu ani ija gara laafinaatiin isaan hin ilaalu yookaan hin hiluufis; garuu ani waanuma isaan hojjetan mataa isaaniitti nan fida.”
EZE 9:11 Ergasii namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee korojoo katabbii mudhii isaatti hidhate sun deebiʼee dhufee, “Ani akkuma ati na ajajje sana godheera” jedhe.
EZE 10:1 Anis milʼadhee bantii samii gubbaatti mataa kiirubeeliitiin olitti fakkaattii teessoo sanpeer tokko nan arge.
EZE 10:2 Waaqayyos namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaan akkana jedhe; “Geengoowwan kiirubeelii jalaan jiran gidduu seeni. Barbadaa cilee bobaʼuu kan kiirubeelii gidduu jiru sana irraa harka kee guuttadhuutii magaalattii keessa faffacaasi.” Innis utuma ani ilaaluu ol seene.
EZE 10:3 Yeroo namichi ol seenetti kiirubeeliin karaa kibba mana qulqullummaatiin dhaabatanii turan; duumessi oobdii gara keessaa guutee ture.
EZE 10:4 Ulfinni Waaqayyoos kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Duumessis mana qulqullummaa guute; waltajjichis ifa ulfina Waaqayyootiin guutame.
EZE 10:5 Sagaleen qoochoowwan kiirubeelii hamma oobdii gara alaatti akkuma sagalee yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu dubbatu dhagaʼamu sanaa fagootti dhagaʼama ture.
EZE 10:6 Yeroo Waaqayyo namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatu sanaan, “Geengoowwan gidduudhaa, kiirubeelii gidduudhaas ibidda fudhi” jedhee ajajetti namichi ol seenee geengoo bira dhaabate.
EZE 10:7 Ergasii kiirubeelii keessaa inni tokko harka isaa gara ibidda isaan gidduu jiruutti hiixate. Innis ibidda sana irraa xinnoo fuudhee harka namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaa keessa kaaʼe; namichis ibidda sana fudhatee baʼe.
EZE 10:8 Qoochoowwan kiirubeelii jalaanis wanni harka namaa fakkaatu tokko ni mulʼata ture.
EZE 10:9 Anis milʼadhee geengoowwan afur kiirubeelii biratti nan arge; geengoowwan sunis tokkoo tokkoo kiirubeelii bira turan; geengoowwan sunis akka biiralee calaqqisu turan.
EZE 10:10 Bifti afranuu wal fakkaata ture; tokkoon tokkoon geengoo sanaa geengoo kaanitti waan dirame fakkaata ture.
EZE 10:11 Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kiirubeeliin itti gara galan kamiin iyyuu deeman; geengoowwanis yeroo kiirubeeliin deemanitti asii fi achi hin sochoʼan ture. Kiirubeeliin qixa mataan isaanii itti gara gale kamiin iyyuu utuu of irra hin milʼatin deeman.
EZE 10:12 Dhagni isaanii guutuun, dugda isaanii, harka isaaniitii fi qoochoo isaanii dabalatee akkuma geengoowwan isaanii afran sanaatti akkuma jiraniin ijaan guutamanii turan.
EZE 10:13 Geengoowwan sunis utuma ani dhagaʼuu, “Geengoowwan konkolaatan” jedhamanii waamaman.
EZE 10:14 Tokkoon tokkoon kiirubeelii fuula afur afur qabu ture: fuulli tokkoffaan fuula kiirubeelii, fuulli lammaffaan fuula namaa, fuulli sadaffaan fuula leencaa, fuulli afuraffaan immoo fuula risaa ture.
EZE 10:15 Ergasiis kiirubeeliin ol baʼan; isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti argee ture sanaa dha.
EZE 10:16 Yeroo kiirubeeliin deemanitti geengoowwan isaan cina jiranis ni deeman; yeroo kiirubeeliin lafa irraa ol kaʼuuf qoochoowwan isaanii diriirfatanitti geengoowwanis isaan biraa hin hafan ture.
EZE 10:17 Yeroo kiirubeeliin dhaabatanitti isaanis ni dhaabatu turan; yeroo kiirubeeliin ol kaʼanittis isaanuma wajjin ol kaʼu turan; hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa isaan keessa tureetii.
EZE 10:18 Ergasiis ulfinni Waaqayyoo gulantaa mana qulqullummaa irraa kaʼee kiirubeelii gubbaadhaan dhaabate.
EZE 10:19 Kiirubeeliin utuma ani arguu qoochoowwan isaanii diriirffatanii lafaa ol kaʼan; yeroo isaan deemanittis geengoowwan isaan wajjin deeman. Isaan karra balbala mana Waaqayyoo kan karaa baʼaa irra dhaabatan; ulfinni Waaqa Israaʼelis isaan gubbaadhaan ture.
EZE 10:20 Isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti Waaqa Israaʼel jalatti argee turee dha; anis akka isaan kiirubeelii taʼan nan hubadhe.
EZE 10:21 Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoowwan afur afur, qoochoowwan isaanii jalaan immoo waan harka namaa fakkaatu qabu ture.
EZE 10:22 Bifti fuula isaaniis akkuma bifa uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti arge sanaa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman.
EZE 11:1 Hafuurri ol na fuudhee gara balbala mana Waaqayyoo kan gara baʼaa ilaaluutti na fide. Achis karra balbala sanaa dura namoota digdamii shantu ture; anis isaan gidduutti hooggantoota sabaa Yaazaniyaa ilma Azurii fi Phelaatiyaa ilma Benaayaa nan arge.
EZE 11:2 Waaqayyos akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, isaan kunneen namoota magaalaa kana keessatti hammina malanii fi gorsa hamaa gorsanii dha.
EZE 11:3 Isaanis, ‘Yeroon itti manneen ijaaraman gaʼeera mitii? Magaalattiin kun okkotee waa itti affeelanii dha; nu immoo ishee keessatti foon’ jedhan.
EZE 11:4 Kanaafuu isaanitti raajii dubbadhu; yaa ilma namaa raajii dubbadhu.”
EZE 11:5 Ergasii Hafuurri Waaqayyoo narra buʼee akkana naan jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: Yaa mana Israaʼel isin akkas jettu; ani garuu waan isin qalbii keessanitti yaaddan nan beeka.
EZE 11:6 Isin magaalaa kana keessatti namoota hedduu ajjeeftanii daandii ishee reeffaan guuttaniirtu.
EZE 11:7 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Reeffi isin achitti gattan foon; magaalaan kun immoo okkotee dha; ani garuu magaalaa kana keessaa isinan baasa.
EZE 11:8 Isin goraadee sodaattu; wanni ani isinitti fidu immoo goraadeedha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 11:9 Ani magaalaa keessaa isin baasee alagaatti dabarsee isin kennee isinan adaba.
EZE 11:10 Isin goraadeedhaan dhumtu; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti mura. Kanaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 11:11 Magaalaan kun okkotee isinii hin taatu yookaan isin achi keessatti foon hin taatan; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti nan mura.
EZE 11:12 Isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu; sirna saboota naannoo keessan jiraatanii duukaa buutan malee seera koo hin eegne yookaan naamusa koo hin eegneetii.”
EZE 11:13 Utuma ani raajii dubbachaa jiruu Phelaatiyaan ilmi Benaayaa duʼe. Kana irratti ani addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa Waaqayyo Gooftaa! Ati hambaa Israaʼel guutumaan guutuutti balleessitaa?” jedheen sagalee guddaadhaan iyye.
EZE 11:14 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
EZE 11:15 “Yaa ilma namaa, obboloota kee jechuunis obboloota kee kanneen firoota kee dhiigaatii fi manni Israaʼel guutuun kanneen namoonni Yerusaalem, ‘Isaan Waaqayyo irraa fagaataniiru; biyyi kunis akka handhuuraatti nuuf kennamteerti’ jedhaniinii dha.
EZE 11:16 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota gidduutti fageessee isaan ergee biyyoota keessa isaan faffacaasu iyyuu, amma illee yeroo xinnoof biyyoota isaan dhaqan keessatti isaaniif iddoo qulqullummaa taʼeera.’
EZE 11:17 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota keessaa walitti isin qabee biyyoota itti bittinnooftan keessaa deebisee isin nan fida; biyya Israaʼelis deebisee isiniif nan kenna.’
EZE 11:18 “Isaan biyyattiitti deebiʼanii wantoota ishee jibbisiisoo hundaa fi wantoota ishee balfamoo hunda ishee keessaa ni balleessu.
EZE 11:19 Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf.
EZE 11:20 Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
EZE 11:21 Warra qalbiin isaanii fakkiiwwan isaanii kanneen faayidaa hin qabnee fi waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo sanaan fudhatame garuu ani waan isaan hojjetan matuma isaaniitti nan deebisa jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 11:22 Ergasiis kiirubeeliin qoochoowwan isaanii diriirfatan; geengoowwanis isaan cina turan; ulfinni Waaqa Israaʼel immoo isaan gubbaadhaan ture.
EZE 11:23 Ulfinni Waaqayyoos magaalaa keessaa ol baʼee tulluu baʼa magaalattiitiin jiru gubbaadhaan dhaabate.
EZE 11:24 Hafuurri ol na fuudhee mulʼata Hafuura Waaqaatiin gara boojiʼamtoota biyya Baabilon jiraniitti na fide. Ergasiis mulʼanni ani argee ture sun na dhiisee ol baʼe;
EZE 11:25 anis waan Waaqayyo na argisiise hunda boojiʼamtootatti nan hime.
EZE 12:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 12:2 “Yaa ilma namaa, ati uummata fincilaa gidduu jiraatta. Isaan arguudhaaf ija qabu; garuu hin argan; dhagaʼuudhaafis gurra qabu; garuu hin dhagaʼan; isaan uummata fincilaadhaatii.
EZE 12:3 “Kanaafuu yaa ilma namaa, utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan waan qabdu qopheeffadhuutii boojiʼamuuf iddoo jirtuu baʼiitii iddoo biraa deemi. Isaan mana fincilaa taʼani iyyuu tarii ni hubatu taʼa.
EZE 12:4 Miʼa kee kan boojiʼamuuf qopheeffatte sana utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan baafadhu. Utuma isaan arganuus galgalaan akkuma warra boojiʼamuuf deemaniitti baʼii deemi.
EZE 12:5 Utuma isaan arganuus dallaa uriitii miʼa kee achi keessaan baafadhu.
EZE 12:6 Utuma isaan arganuus dimimmisa galgalaa keessa miʼa sana ol fuudhii gatiittii keetti baadhuu baʼi. Ati akka biyyattii hin argineef fuula kee haguuggadhu; ani mana Israaʼeliif mallattoo si godheeraatii.”
EZE 12:7 Anis akkuman ajajame nan godhe. Miʼa koos boojuuf qopheeffadhee guyyaa adiidhaan baafadhe. Galgalaanis dallaa sana harkuma kootiin nan ure. Utuma isaan arganuus miʼa koo gatiittii irratti baadhadhee dimimmisaan nan baʼe.
EZE 12:8 Guyyaa itti aanu ganamas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 12:9 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel fincilaan sun, ‘Ati maal gochaa jirta?’ jedhee si hin gaafannee?
EZE 12:10 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Raajiin kun waaʼee ilma mootii isa Yerusaalem keessa jiraatuu fi guutummaa mana Israaʼel kan achi jiraatuu ti.’
EZE 12:11 Atis, ‘Ani mallattoo keessan’ isaaniin jedhi. “Wanni ani hojjedhe sun isaan irra ni gaʼa. Isaan boojiʼamanii ni fudhatamu.
EZE 12:12 “Ilmi mootii inni gidduu isaanii jiraatu miʼa isaa gatiittii isaatti baadhatee dimimmisaan ni deema; akka inni keessaan baʼuuf dallaan ni uramaaf. Akka biyyattii hin argineefis fuula isaa ni haguuggata.
EZE 12:13 Ani kiyyoo koo nan diriirsaaf; innis kiyyoo kootiin ni qabama; ani gara Baabilon, biyya Kaldootaatti isa nan geessa; inni garuu biyyattii hin argu; achittis ni duʼa.
EZE 12:14 Ani warra isa wajjin jiran hunda gargaartota isaatii fi loltoota isaa hunda bubbeetti nan bittinneessa; goraadee luqqifameenis isaan nan ariʼa.
EZE 12:15 “Isaan yommuu ani saboota gidduutti isaan bittinneessee biyyoota keessa isaan faffacaasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 12:16 Ani garuu akka isaan saboota itti geeffaman sana keessatti gochawwan isaanii jibbisiisoo hunda himataniif isaan keessaa namoota muraasa goraadee irraa, beelaa fi dhaʼicha irraa nan hambisa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
EZE 12:17 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 12:18 “Yaa ilma namaa, raafamuudhaan nyaata kee nyaadhu; sodaadhaan hollachaa bishaan kee dhugi.
EZE 12:19 Saboota biyyattiitiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee warra Yerusaalem keessaa fi biyya Israaʼel keessa jiraatanii akkana jedha: Sababii jeequmsa namoota achi jiraatan hundaatiif biyyattiin waan ontuuf isaan nyaata isaanii dhiphinaan nyaatu; bishaan isaanii immoo sodaadhaan dhugu.
EZE 12:20 Magaalaawwan namoonni keessa jiraatan ni barbadaaʼu; biyyattiin immoo ni onti. Sana booddee isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
EZE 12:21 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 12:22 “Yaa ilma namaa, fakkeenyi isin biyya Israaʼel keessatti, ‘Barri dheerateera; mulʼannis faayidaa dhabeera’ jettan kun maali?
EZE 12:23 Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani fakkeenya kana nan balleessa; isaan siʼachi Israaʼel keessatti itti hin fayyadaman.’ Atis, ‘Barri itti mulʼanni hundi fiixaan baʼu dhiʼaateera, isaaniin jedhi.
EZE 12:24 Siʼachi mulʼanni sobaa yookaan raajiin sobaa uummata Israaʼel keessa hin jiraatuutii.
EZE 12:25 Ani Waaqayyo garuu waanan fedhe nan dubbadha; dubbiin sunis utuu hin turin ni raawwatama. Isin yaa mana fincilaa nana, ani waanan dubbadhu hunda bara keessan keessa nan raawwadha, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 12:26 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 12:27 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel, ‘Mulʼanni inni argu waan bara dheeraa booddee raawwatamuu dha; wanni inni raajus waan bara fagootti guutamuu dha.’
EZE 12:28 “Kanaafuu ati akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Siʼachi dubbiin koo tokko iyyuu lafa irra hin harkifatu; wanni ani jedhu kam iyyuu ni raawwatama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 13:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 13:2 “Yaa ilma namaa, raajota Israaʼel kanneen amma raajii dubbachaa jiraniin mormuudhaan raaji. Warra yaaduma ofii isaanii raajaniin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa!
EZE 13:3 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Raajota gowwaa kanneen utuu homaa hin argin hafuura ofii isaanii duukaa buʼan sanaaf wayyoo!
EZE 13:4 Yaa Israaʼel, raajonni kee akkuma waangota waan diigame gidduu jiraatanii ti.
EZE 13:5 Isin akka dallaan sun guyyaa waraana Waaqayyootti jabaatee dhaabatuuf dallaa cabe sana mana Israaʼeliif deebiftanii ijaaruudhaaf jettanii ol hin baane.
EZE 13:6 Mulʼanni isaanii soba; raajiin isaanii soba. Isaan utuu Waaqayyo isaan hin ergin, “Waaqayyo akkana jedha” jedhu; taʼus isaan akka dubbiin isaanii raawwatamu eeggatu.
EZE 13:7 Ani dubbachuu baadhu iyyuu isin, “Waaqayyo akkana jedha” jechuun keessan mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii?
EZE 13:8 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii dubbii sobaa keessaniitii fi mulʼata sobaa keessaniitiif ani isinitti kaʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 13:9 Harki koo raajota mulʼata sobaa arganii raajii sobaa dubbatanitti ni kaʼa. Isaan miseensa waldaa saba kootii hin taʼan yookaan galmee mana Israaʼel irratti hin galmeeffaman yookaan biyya Israaʼel hin seenan. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.
EZE 13:10 “ ‘Isaan yeroo nagaan hin jirretti, “Nagaa dha” jechaa saba koo karaa irraa waan jalʼisanii yeroo namoonni dallaa dhagaa ijaaranitti nooraa dibaniif,
EZE 13:11 ati akka dallaan sun jigu warra nooraa itti diban sanatti himi. Bokkaan hamaan ni rooba; dhagaan cabbii ni buʼa; bubbeen jabaan ni bubbisa.
EZE 13:12 Yeroo dallaan sun jigutti namoonni, “Nooraan isin itti dibdan sun eessa jira” jedhanii isin hin gaafatanii?
EZE 13:13 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani dheekkamsa kootiin bubbee hamaa nan kaasa; aarii kootiinis dhagaa cabbii fi bokkaa hamaan badiisa fidu ni rooba.
EZE 13:14 Ani akka hundeen isaa qullaatti hafuuf dhagaa isin nooraa dibdan sana diigee lafaan wal nan qixxeessa. Yommuu inni jigutti isin isa keessatti ni barbadeeffamtu; akka ani Waaqayyo taʼes ni beektu.
EZE 13:15 Dallaa sanaa fi warra nooraa itti dibanitti dheekkamsa koo nan roobsa. Anis akkana isiniin nan jedha; “Dallaan sunii fi warri dallaa sana nooraa diban sun ni badu;
EZE 13:16 raajonni Israaʼel kanneen Yerusaalemiif raajanii utuu nagaan hin jiraatin mulʼata nagaa isheef argan sunis ni badu, jedha Waaqayyo Gooftaan.” ’
EZE 13:17 “Ammas yaa ilma namaa, fuula kee gara intallan saba keetii kanneen waanuma ofii yaadan raajaniitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji;
EZE 13:18 akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dubartoota kiyyoo keessa nama galchuuf jedhanii manyʼee harka isaanii hundaaf kudhaama hodhatanii haguuggii garaa garaa mataa isaaniitti haguuggataniif wayyoo. Isin lubbuu saba koo kiyyoo keessa galchitanii kan ofii keessanii immoo oolfattuu?
EZE 13:19 Isin garbuu konyee tokkoo fi buddeena cabaa tokkoof jettanii uummata koo gidduutti na xureessitaniirtu. Uummata koo isa soba keessan dhagaʼuttis sobuudhaan warra duʼuu hin qabne ajjeeftanii warra jiraachuu hin qabne immoo baraartaniirtu.
EZE 13:20 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kunoo, ani kudhaama keessan kan isin akkuma simbira kiyyeeffamtuutti uummata ittiin kiyyeessitanitti nan kaʼa; harka keessan irraas nan cira; uummata isin akkuma simbirri kiyyeeffamtutti kiyyeessitan sanas kiyyoo keessaa nan baasa.
EZE 13:21 Ani haguuggii keessan tarsaasee saba koo harka keessan keessaa nan baasa; isaan siʼachi harka keessan jalatti hin bulan. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 13:22 Ani isa dirqisiisuu baadhu iyyuu isin waan soba keessaniin nama qajeelaa dirqisiiftanii fi waan akka namni hamaan karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatuuf hin jajjabeessiniif,
EZE 13:23 isin siʼachi mulʼata sobaa hin argitan yookaan raajii sobaa hin dubbattan. Anis saba koo harka keessan keessaa nan baasa. Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
EZE 14:1 Maanguddoota Israaʼelii keessaa tokko tokko na bira dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
EZE 14:2 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
EZE 14:3 “Yaa ilma namaa, namoonni kunneen waaqota tolfamoo garaa isaanii keessa dhaabbataniiru; fuula isaanii dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼaniiru. Ani akka isaan na kadhatan eeyyamuufiin qabaa?
EZE 14:4 Kanaafuu akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu namni Israaʼelii kam iyyuu garaa isaa keessa Waaqa tolfamaa dhaabbatee dhagaa hamaa nama gufachiisu immoo fuula isaa dura kaaʼatee raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo akkuma baayʼina waaqota isaa tolfamoo sanaatti nan deebisaaf.
EZE 14:5 Ani qalbii saba Israaʼel kanneen waaqota isaanii tolfamoof jedhanii na dhiisan sana hundaa deebisuuf waan kana nan godha.’
EZE 14:6 “Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: qalbii jijjiirradhaa! Waaqota keessan tolfamoo irraa deebiʼaa; hojii keessan jibbisiisaa hundas dhiisaa!
EZE 14:7 “ ‘Yommuu namni Israaʼel kam iyyuu yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu na dhiisee garaa isaa keessa waaqota tolfamoo dhaabbatee fuula isaa dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼatee waan ani jedhu gaafachuuf raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo mataan koo deebii nan kennaaf.
EZE 14:8 Ani namicha sana miidhuuf fuula koo isatti garagalfadhee fakkeenya waan kolfaa isa nan godha. Saba koo irraas isa nan kuta. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 14:9 “ ‘Raajichi yoo raajii dubbachuuf gowwoomfame, ani Waaqayyo raajii sana nan gowwoomsa; harka koos isatti kaafadhee saba koo Israaʼel gidduudhaa isa nan balleessa.
EZE 14:10 Isaan yakka isaanii ni baadhatu; raajiin sunis akkuma nama gorsa isa gaafate sanaa yakkamaa taʼa.
EZE 14:11 Kunis akka sabni Israaʼel siʼachi narraa goree yookaan deebiʼee cubbuu isaa hundaan of hin xureessineef. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 14:12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
EZE 14:13 “Yaa ilma namaa, yoo biyyi tokko amanamuu diduudhaan cubbuu natti hojjette ani harka koo isheetti kaasee madda nyaata ishee nan gogsa; beelas itti ergee namoota isheetii fi horii ishee jalaa nan fixa;
EZE 14:14 yoo namoonni sadan kunneen jechuunis Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 14:15 “Yookaan yoo ani guutummaa biyya sanaatti bineensa ergee bineensi sun immoo biyya sana ijoollee malee hambise, yoo hamma namni tokko iyyuu sababii bineensa sanaatiif achiin darbuu dadhabutti biyyi sun one,
EZE 14:16 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama; biyyi sun garuu ni onti.
EZE 14:17 “Yookaan yoo ani goraadee biyyattiitti fidee, ‘Goraadeen biyyattii keessa haa darbu’ jedhee namaa fi horii ishee fixe,
EZE 14:18 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama.
EZE 14:19 “Yookaan yoo ani biyya sanatti dhaʼicha ergee namaa fi horii ishee fixee dhiiga lolaasuudhaan dheekkamsa koo itti roobse,
EZE 14:20 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu.
EZE 14:21 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Yeroo ani namaa fi horii ishee fixuuf murtiiwwan hadhaaʼaa afran sana jechuunis goraadee fi beela, bineensaa fi dhaʼicha Yerusaalemitti ergutti hammam wanni hamaan haa taʼu ree!
EZE 14:22 Taʼus ilmaanii fi intallan isaanii kanneen ishee keessaa baafamanii baraaraman muraasni achi ni jiraatu. Isaanis gara keessan ni dhufu; isin immoo yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti sababii ani Yerusaalemitti badiisa fideef jechuunis badiisa ani isheetti fide hundaaf ni jajjabaattu.
EZE 14:23 Isin yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti akka ani sababii malee homaa ishee keessatti hin godhin waan beektaniif ni jajjabaattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 15:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 15:2 “Yaa ilma namaa, mukni wayinii akkamitti damee muka bosona keessa jiru kamii iyyuu caala?
EZE 15:3 Waan faayidaa qabu tolfachuuf muka wayinii sana irraa takkumaa mukni fudhatamee beekaa? Waa isatti fannifachuuf namoonni isa irratti fannoo ni hojjetuu?
EZE 15:4 Inni erga akkuma qoraan ibiddatti naqamee ibiddi sun fiixee isaa lamaan gubee gidduu xaphi godhee booddee waan tokkoof iyyuu faayidaa qabaa?
EZE 15:5 Inni utuu hin tuqamin faayidaa yoo hin qabaatin, erga ibiddaan gubamee xaphi jedhee immoo hammam faayidaa gad aanaa haa qabaatuu ree?
EZE 15:6 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akkuma muka wayinii mukkeen bosonaa gidduu jiru akka inni bobaʼuuf ibiddatti naqe sana, uummata Yerusaalem keessa jiraatu illee akkasuma nan godha.
EZE 15:7 Ani hamminaan fuula koo isaanitti nan deebisa. Isaan ibidda keessaa baʼan iyyuu, ibiddi amma iyyuu isaan ni balleessa. Yeroo ani hamminaan fuula koo isaanitti deebifadhutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 15:8 Sababii isaan amanamuu didaniif ani biyyattii nan onsa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 16:1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 16:2 “Yaa ilma namaa, hojii ishee jibbisiisaa sana Yerusaalemitti himi;
EZE 16:3 akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan Yerusaalemiin akkana jedha: Sanyii fi dhaloonni kee biyya Kanaʼaanotaa ti; abbaan kee nama Amoor; haati kee immoo nama Heet.
EZE 16:4 Ati gaafa dhalatte hin handhuuramne yookaan akka qulqullooftuuf bishaaniin hin dhiqamne yookaan soogiddaan hin sukkuumamne yookaan huccuudhaan hin maramne.
EZE 16:5 Namni tokko iyyuu ija gara laafinaatiin si hin ilaalle yookaan wantoota kanneen siif gochuuf garaa siif hin laafne. Qooda kanaa ati dirreetti gatamte; ati gaafa dhalatte tuffatamtee turteetii.
EZE 16:6 “ ‘Anis utuun achiin darbuu siʼii dhiiga kee keessa ciiftee dhidhiitattu sin arge; utuma ati achi dhiiga kee keessa ciiftuu ani, “Jiraadhu!” siinan jedhe.
EZE 16:7 Akkuma biqiltuu dirreettis sin guddise. Atis guddattee jabaattee lula akka malee miidhagu taate. Ati qullaa fi harka duwwaa turte, guntuta baaftee rifeensi kees guddate.
EZE 16:8 “ ‘Ani yeroon deebiʼee achiin darbutti si ilaaleen akka ati jaalalaaf geesse sin arge; handaara wayyaa kootiis sirra buuseen qullummaa kee haguuge. Siif kakadhees si wajjin waadaa nan gale, jedha Waaqayyo Gooftaan; atis kan koo taate.
EZE 16:9 “ ‘Ergasii ani bishaaniin si dhiqee dhiiga sirraa miicee zayitii si dibe.
EZE 16:10 Ani uffata faayeffame sitti uffisee kophee gogaa irraa hojjetame illee sitti nan kaaʼe. Wayyaa miidhagaa quncee talbaa irraa hojjetame sitti uffisee uffata gatii guddaa immoo sirra buuse.
EZE 16:11 Ani faayaan si miidhagseera jechuunis irree keetti bitawoo, morma keetti immoo amartii siif godheera;
EZE 16:12 ani funyaan keetti qubeelaa, gurra keetti amartii, mataa keetti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼeera.
EZE 16:13 Atis akkasiin warqee fi meetiidhaan miidhagfamte; uffanni kees quncee talbaatii fi haarriidhaan faayeffamee hojjetamee ture; nyaanni kee daakuu bullaaʼaa, dammaa fi zayitii ejersaa ture. Ati akka malee bareeddee mootittii taʼuuf kaate.
EZE 16:14 Waaʼee bareedina keetiitiifis maqaan kee saboota gidduu tamsaʼe; surraan ani siif kenne bareedina kee kan hanqina hin qabne godheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 16:15 “ ‘Ati garuu miidhagina kee amanattee maqaa kee sagaagalummaadhaaf itti fayyadamte. Kara deemaa kam iyyuu wajjin sagaagaltee miidhagina kees kenniteef.
EZE 16:16 Uffata kee keessaas tokko tokko fuutee iddoowwan sagadaa kanneen itti sagaagaltu sana ittiin miidhagsite. Wanni akkasii takkumaa taʼee hin beeku; fuuldurattis hin taʼu.
EZE 16:17 Faayawwan miidhagoo ani siif kenne kan warqee fi meetii koo irraa hojjetaman fudhattee korommii waaqota tolfamoo ofii keetiif hojjetattee isaan wajjin sagaagalte.
EZE 16:18 Uffata kee kan faayeffamee hojjetames isaanitti uffistee, zayitii fi ixaana koos fuula isaanii duratti dhiʼeessite.
EZE 16:19 Nyaata ani siif kenne jechuunis daakuu bullaaʼaa, zayitii ejersaatii fi damma ani akka ati nyaattuuf siif kenne sana akka ixaana urgaa gaarii qabuutti fuula isaanii duratti dhiʼeessite. Wanni akkasii taʼeera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 16:20 “ ‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee?
EZE 16:21 Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote.
EZE 16:22 Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne.
EZE 16:23 “ ‘Wayyoo! Siif wayyoo, jedha Waaqayyo Gooftaan. Jalʼina kee kaan hunda irratti immoo,
EZE 16:24 ofii keetiif waltajjii qopheeffatte; oobdiiwwan uummataa hundatti galma waaqeffannaa ol dheeraa hojjette.
EZE 16:25 Fiixee daandii hundaatti gaarran sagadaa kee ol dhedheeroo ijaarratte; nama achiin darbu hundaaf dhagna kee dhiʼeessitee sagaagalummaa kee baayʼisuudhaan miidhagina kee busheessite.
EZE 16:26 Ati warra Gibxi, olloota kee kanneen dhagna guddaa qaban wajjin sagaagaltee sagaagalummaa kee kan hamma hin qabne sanaan dheekkamsaaf na kakaafte.
EZE 16:27 Kanaafuu ani harka koo sitti kaasee qooda kee sirraa nan hirʼise; ani intallan Filisxeemotaa warra diinota kee taʼan kanneen amala sagaagalummaa kee saalfatanitti dabarsee si kenneera.
EZE 16:28 Ati sababii dharraa hin baʼiniif warra Asoor wajjinis akkasuma sagaagalte; ati amma illee dharraa hin baane.
EZE 16:29 Ergasiis itti fuftee daldaltoota biyya Baabilon wajjin sagaagalte; garuu kanaan iyyuu dharraa hin baane.
EZE 16:30 “ ‘Ati akka sagaagaltuu hin saalfanne tokkootti waan kana hunda gochuun kee yaada dadhabaa akkamii qabaatteeti! jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 16:31 Ati yeroo fiixee daandii hundaatti waltajjii tolfattee oobdii uummataa hunda irratti iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroo ijaarrattetti, ati sababii gatii hin baasisiniif akka sagaagaltuu tokkoo hin turre.
EZE 16:32 “ ‘Yaa niitii sagaagaltuu nana! Ati qooda dhirsa keetii kara deemaa filatta!
EZE 16:33 Sagaagaltuun kam iyyuu gatii fudhatti; ati garuu michoota kee hundaaf kennaa kennita; akka isaan iddoo kamii iyyuu gara kee dhufanii si wajjin sagaagalaniif jettee mattaʼaa kennitaaf.
EZE 16:34 Kanaafuu sagaagalummaan kee kan warra kaaniitiin adda; namni kam iyyuu si argachuuf si faana hin buʼu. Ati gatii kennita malee waan gatiin siif hin kennamneef ati kan addaa ti.
EZE 16:35 “ ‘Kanaafuu yaa sagaagaltuu nana, dubbii Waaqayyoo dhagaʼi!
EZE 16:36 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati qabeenya kee dhangalaaftee michoota kee wajjin sagaagalummaa baayʼisuudhaan qullaa kee dhaabatteef, sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatii fi sababii dhiiga ijoollee keetii isaaniif kenniteef,
EZE 16:37 ani michoota kee kanneen ati isaan wajjin bashannante jechuunis warra ati jaallattus warra ati jibbitus walitti nan qaba. Ani iddoo hundaatii isaaniin sitti waamee fuula isaanii duratti qullaa sin dhaaba; isaanis qullaa kee hunda ni argu.
EZE 16:38 Ani adabbii dubartoota sagaagalaniitii fi dhiiga namaa dhangalaasaniif malu sitti nan murteessa; dheekkamsa koo fi hinaaffaa kootiinis dhiiga kee nan dhangalaasa.
EZE 16:39 Ergasii ani harka michoota keetiitti dabarsee sin kenna; isaanis waltajjii kee ni diigu; iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroos ni barbadeessu. Isaan wayyaa kee sirraa baasanii faaya kee miidhagaa sana illee sirraa fudhatu; qullaa keetii fi harka duwwaas si hambisu.
EZE 16:40 Isaan jeeqxota sitti kakaasu; jarris dhagaadhaan si tuman; goraadeedhaanis si kukkutu.
EZE 16:41 Isaan manneen keessan ni gubu; fuula dubartoota hedduu durattis isin adaban. Ani sagaagaltummaa kee sin dhiisisa; siʼachis michoota keetiif gatii hin kaffaltu.
EZE 16:42 Yoos dheekkamsi koo sirraa qabbanaaʼa; hinaaffaan koos sirraa ni deebiʼa; ani nan calʼisa; siʼachis hin aaru.
EZE 16:43 “ ‘Sababii ati bara ijoollummaa keetii yaadachuu dhiiftee wantoota kanneen hundaan na aarsiteef, ani dhugumaan waan ati hojjette matuma keetti nan deebisa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Ati hojii kee jibbisiisaa kaan hunda irratti wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetamu dabalatteerta mitii?
EZE 16:44 “ ‘Namni mammaaksa mammaaku kam iyyuu, “Intalli akkuma haadhaa ti” jedhee waaʼee kee mammaaksa kana mammaaka.
EZE 16:45 Ati intala haadha kee kan dhirsaa fi ijoollee ishee balfite sanaa ti; ati obboleettii obboleettota kee kanneen dhirsoota isaaniitii fi ijoollee isaanii balfan sanaa ti. Haati kee nama Heeti, abbaan kee immoo nama Amoor turan.
EZE 16:46 Obboleettiin kee hangafni Samaariyaa ishee intallan ishee wajjin siin gama kaabaa jiraattu sanaa ti; obboleettiin kee quxisuun Sodoom ishee intallan ishee wajjin siin gama kibbaa jiraattuu ti.
EZE 16:47 Ati karaa isaanii duukaa buutee hojiiwwan isaanii jibbisiisoo sana hojjechuu qofa utuu hin taʼin karaa kee hundumaan daftee isaan caalaa amala badde.
EZE 16:48 Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; obboleettiin kee Sodoomii fi intallan ishee iyyuu takkumaa waan atii fi intallan kee hojjettan kana hin hojjenne.
EZE 16:49 “ ‘Egaa cubbuun obboleettii kee Sodoom kana ture: Ishee fi intallan ishee of tuultotaa fi quufoo turan; yaada malees jiraatan; isaan hiyyeeyyii fi rakkattoota hin gargaarre.
EZE 16:50 Isaan of tuultota turan; fuula koo duratti waan jibbisiisaa hojjetan. Kanaafuu ani akkuma isin argitan sana isaan nan balleesse.
EZE 16:51 Samaariyaan cubbuu ati hojjette sana walakkaa isaa illee hin hojjenne. Ati isaan caalaa waan jibbisiisaa hojjettee waanuma hojjette kana hundaan obboleettota kee qajeeltota fakkeessite.
EZE 16:52 Ati waan obboleettota keetiif falmii qopheessiteef qaanii kee baadhadhu. Sababii cubbuun kee cubbuu isaanii caalaa hamaa taʼeef isaan si caalaa qajeeltota fakkaatu. Kanaafuu qaanaʼiitii salphina kee baadhadhu; ati akka obboleettonni kee qajeeltota fakkaatan gooteertaatii.
EZE 16:53 “ ‘Taʼus ani hambaa Sodoomii fi kan intallan ishee, kan Samaariyaatii fi kan intallan ishee, kan kees kan isaanii wajjin nan deebisa;
EZE 16:54 kunis akka ati salphina kee baadhattee waan isaan jajjabeessuuf hojjette sana hundaan qaanoftuuf.
EZE 16:55 Obboleettonni kee Sodoomii fi intallan ishee, Samaariyaa fi intallan ishee akkuma duraan turanitti ni deebiʼu; atii fi intallan kees akkuma duraan turtanitti ni deebitu.
EZE 16:56 Ati bara of tuulaa turte sana keessa obboleettii kee Sodoomiin maqaa iyyuu hin dhoofne;
EZE 16:57 kunis utuu hamminni kee ifatti hin baʼin ture. Taʼus ati amma intallan Edoomiin, olloota ishee hundaa fi intallan Filisxeemotaa jechuunis warra naannoo kee jiraatan kanneen si tuffatan hundaan ni balfamta.
EZE 16:58 Ati gatii wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetteetii fi kan hojii kee jibbisiisaa sanaa ni argatta, jedha Waaqayyo.
EZE 16:59 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati kakuu cabsuudhaan walii galtee koo tuffatteef, ani akkuma siif malutti sin adaba.
EZE 16:60 Taʼus ani kakuun yeroo ijoollummaa keetiitti si wajjin gale sana nan yaadadha; kakuu bara baraan hin diigamnes si wajjin nan gala.
EZE 16:61 Ati gaafas yeroo obboleettota kee hangafaa fi quxisuu simattutti, karaa kee yaadattee ni qaanofta. Ani intallan taasisee isaan siifan kenna; garuu kun akka kakuu ani si wajjin gale sanaa miti.
EZE 16:62 Ani si wajjin kakuu nan gala; atis akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.
EZE 16:63 Yeroo ani waan ati hojjette hunda siif dhiisutti, ati sababii salphina keetiitiif yaadattee ni qaanofta; lammatas afaan hin saaqattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 17:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 17:2 “Yaa ilma namaa, hibboo dubbadhuutii mana Israaʼelitti fakkeenya himi.
EZE 17:3 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Risaan guddaan qoochoo jabaa, baallee dhedheeraa fi bifa adda addaa qabu tokko gara Libaanoon dhufe. Innis mataa muka birbirsaa fudhatee
EZE 17:4 lataa fiixee isaa irraa cabsee biyya daldaltootaatti geesse; magaalaa daldaltootaa keessas dhaabe.
EZE 17:5 “ ‘Innis sanyii biyya keetii keessaa waa fuudhee biyyoo gabbataa keessa kaaʼe. Akka muka qarqara lagaatti biqiluutti bishaan guddaa bira dhaabe;
EZE 17:6 innis biqilee hidda yaafatee muka wayinii dagaage taʼe. Dameewwan isaa gara isaatti deebiʼan; hiddi isaa garuu isuma jalatti hafe. Inni akkasiin muka wayinii taʼee dameewwan baala hedduu qaban baafate.
EZE 17:7 “ ‘Ergasiis risaa guddaa kan qoochoo guddaa fi baallee baayʼee qabu kan biraatu ture. Mukti wayinii sunis bishaan akka argatuuf lafa qotiisaa dhaabamee ture sana keessaa gara risaa sanaatti hidda yaafatee dameewwanis balʼifate.
EZE 17:8 Mukti wayinii sun akka dameewwan baasuuf, akka ija naqatuu fi akka wayinii itti tole taʼuuf biyyoo gaarii qarqara bishaan guddaa jiru keessa dhaabamee ture.’
EZE 17:9 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Inni ni guddataa? Inni akka goguuf buqqifamee iji isaa irraa harcaʼa mitii? Lataan isaa hundinuus ni goga. Hidda isaa wajjin isa buqqisuuf irree jabaa yookaan nama hedduu hin barbaachisu.
EZE 17:10 Inni utuma iddoo tokkoo buqqifamee iddoo biraa dhaabamee iyyuu ni guddataa? Inni yeroo bubbeen baʼa biiftuu itti bubbistutti lafa qotiisaa keessatti biqile sana irratti guutumaan guutuutti coollagee hin goguu?’ ”
EZE 17:11 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 17:12 “Mana fincilaa kanaan, ‘Isin hiikkaa wantoota kanneenii hin beektanii?’ jedhi. Akkana isaaniin jedhi: ‘Mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhaqee, mootii isheetii fi namoota ishee ulfaatoo fuudhee Baabilonitti deebiʼe.
EZE 17:13 Ergasii immoo maatii mootichaa keessaa nama tokko fuudhee kakachiisuudhaan isa wajjin walii galtee uummate. Akkasumas namoota biyya sanaa jajjaboo fuudhee deeme;
EZE 17:14 kunis akka mootummaan sun gad deebiʼee mataa ol qabachuu dadhabee walii galtee sana qofaan jiraachuu dandaʼuuf.
EZE 17:15 Mootichi garuu fardeenii fi loltoota hedduu argachuuf jedhee ergamoota isaa Gibxitti ergachuudhaan isatti fincile. Inni amma ni milkaaʼaa? Namni waan akkanaa hojjetu ni miliqaa? Inni walii galtee sana cabsee jalaa baʼuu dandaʼaa?
EZE 17:16 “ ‘Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; inni Baabilon keessatti biyyuma mooticha teessoo irra isa kaaʼe kan inni kakuu isaa tuffatee walii galtee isaas cabse sanaa keessatti ni duʼa.
EZE 17:17 Yeroo lubbuu hedduu galaafachuuf tuullaan biyyoo tuulamee daʼannoon ijaaramutti, Faraʼoon loltoota isaa jajjaboo fi tuuta nama baayʼee wajjin waraana keessatti homaa isa hin fayyadu.
EZE 17:18 Inni walii galtee tuffatee kakuu cabse. Sababii walii galteedhaan harka dhaʼee garuu waan kana hunda hojjeteef inni hin baʼu.
EZE 17:19 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, ani kakuu koo kan inni tuffatee fi walii galtee koo kan inni cabse sana matuma isaatti nan deebisa.
EZE 17:20 Ani kiyyoo koo isaaf nan diriirsa; innis kiyyoo kootiin ni qabama. Sababii inni anaaf amanamuu dideef ani Baabilonitti isa geessee achitti isatti nan mura.
EZE 17:21 Loltoonni isaa kanneen baqatan hundinuu goraadeedhaan ajjeefamu; warri hafan immoo bubbeetti bittinneeffamu. Gaafas isin akka ani Waaqayyo dubbadhe ni beektu.
EZE 17:22 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani mataan koo mataa birbirsaa irraa damee tokko kutee nan dhaaba; fiixee isaa irraa immoo lataa kichuu cabsee tulluu guddaa ol dheeraa tokko irra nan dhaaba.
EZE 17:23 Anis ol dheerina tulluu Israaʼel irra isa nan dhaaba; inni immoo dameewwan yaafatee, ija naqatee birbirsa guddaa taʼa. Simbirroonni gosa hundaas isa irra jiraatu; isaanis gaaddisa dameewwan isaa jalatti iddoo bultii ni qabaatu.
EZE 17:24 Mukkeen bosonaa hundinuu akka ani Waaqayyo muka dheeraa gabaabsee muka gabaabaa immoo dheeressu ni beeku. Ani muka jiidhaa gogsee muka gogaa immoo akka inni lalisu nan godha. “ ‘Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kana nan raawwadha.’ ”
EZE 18:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 18:2 “Isin yeroo, “ ‘Abbootiin ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan, ilkaan ijoollee hadoode’ jettanii waaʼee biyya Israaʼel mammaaktan, maal jechuu keessan?
EZE 18:3 “Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; isin siʼachi mammaaksa kana Israaʼel keessatti hin mammaaktan.
EZE 18:4 Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti.
EZE 18:5 “Mee nama qajeelaa murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjetu tokkotu jira haa jennu.
EZE 18:6 Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu yookaan waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin abdatu. Inni niitii ollaa isaa hin xureessu yookaan dubartii xurii qabdu wajjin hin ciisu.
EZE 18:7 Inni nama tokko illee hin cunqursu; garuu waan qabsiisaan liqeeffate ni deebisa. Inni nama hin saamu; garuu nyaata ofii isaa nama beelaʼeef kenna; uffata isaas nama qullaa deemutti uffisa.
EZE 18:8 Inni hiiqiidhaan namaaf hin liqeessu yookaan dhala nama irraa hin fudhatu. Inni waan hamaa hojjechuu irraa of qusata; nama tokkoo fi nama kaan gidduuttis murtii qajeelaa kenna.
EZE 18:9 Inni qajeelfama koo duukaa buʼee seera koos amanamummaadhaan eega. Namni akkasii qajeelaa dha; inni dhugumaan ni jiraata, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 18:10 “Mee inni ilma jeequmsa kaasu kan dhiiga namaa dhangalaasu yookaan wantoota kanneen fafakkaatan kan biraa hojjetu qaba haa jennu;
EZE 18:11 abbaan wantoota kanneen keessaa tokko illee gochuu baatu iyyuu, “Ilmi immoo tulluu waaqeffannaa irratti nyaata. Niitii ollaa isaa xureessa.
EZE 18:12 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursa. Nama saama. Waan qabsiisaan qabate hin deebisu. Gara waaqota tolfamoo ilaala. Wantoota jibbisiisoo hojjeta.
EZE 18:13 Inni hiiqiidhaan liqeessee dhala fudhata. Namni akkasii lubbuun ni jiraataa? Hin jiraatu! Inni sababii wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjeteef dhugumaan ni ajjeefama; dhiigni isaas matuma isaatti deebiʼa.
EZE 18:14 “Ilmi kun garuu yoo ilma dhalchee, ilmi sun immoo cubbuu abbaan isaa hojjete hunda utuma arguu sodaatee hojjechuu dhiisa haa jennu:
EZE 18:15 “Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu yookaan gara waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin ilaalu. Niitii ollaa isaas hin xureessu.
EZE 18:16 Nama tokko illee hin cunqursu yookaan liqii liqeessuuf qabsiisa hin gaafatu. Inni nama hin saamu; garuu nyaata ofii nama beelaʼeef kenna; nama daares daara baasa.
EZE 18:17 Harka isaa hiyyeeyyii miidhuu irraa eeggata; hiiqii yookaan dhala hin fudhatu. Inni seera koo ni eega; ajajawwan koo duukaas ni buʼa. Inni sababii cubbuu abbaa isaatiif hin duʼu; inni dhugumaan ni jiraata.
EZE 18:18 Abbaan isaa garuu waan nama gowwoomseef, waan obboleessa isaa saamee uummata isaa gidduutti daba hojjeteef cubbuudhuma ofii isaatiin duʼa.
EZE 18:19 “Isin garuu, ‘Ilmi maaliif cubbuu abbaa isaatiin hin adabamne?’ jettanii gaafattu. Ilmi sun waan qajeelaa fi sirrii hojjetee ajajawwan koo hundas of eeggannoodhaan eegeef inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.
EZE 18:20 Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. Ilmi cubbuu abbaa isaatiin hin adabamu yookaan abbaan cubbuu ilma isaatiin hin adabamu. Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf taʼa; hamminni nama hamaas isumatti deebiʼa.
EZE 18:21 “Namni hamaan tokko garuu yoo cubbuu hojjete hunda irraa deebiʼee ajajawwan koo hunda eegee, waan qajeelaa fi waan sirrii hojjete inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.
EZE 18:22 Balleessaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Sababii wantoota qajeelaa hojjeteef inni lubbuudhaan ni jiraata.
EZE 18:23 Ani duʼa hamootaatti nan gammadaa? jedha Waaqayyo Gooftaan. Qooda kanaa yoo isaan cubbuu isaanii irraa deebiʼanii lubbuudhaan jiraatan ani hin gammaduu?
EZE 18:24 “Garuu namni qajeelaan tokko yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjetee wantoota jibbisiisoo namichi hamaan sun hojjechaa ture sana hojjete inni lubbuudhaan ni jiraataa? Waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isaaf hin yaadatamu. Inni sababii amanamuu didee cubbuu hojjeteef ni duʼa.
EZE 18:25 “Isin garuu, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Yaa mana Israaʼel dhagaʼaa: Karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
EZE 18:26 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjete inni cubbuu sanaan ni duʼa. Inni sababii cubbuu hojjete sanaatiif ni duʼa.
EZE 18:27 Namni hamaan tokko garuu yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete inni lubbuu isaa ni oolfata.
EZE 18:28 Inni sababii yakka hojjete hunda hubatee irraa deebiʼeef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; hin duʼus.
EZE 18:29 Taʼu illee manni Israaʼel, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedha. Yaa mana Israaʼel, karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
EZE 18:30 “Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan.
EZE 18:31 Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?
EZE 18:32 Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!
EZE 19:1 “Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi;
EZE 19:2 akkanas jedhi: “ ‘Haati kee leencota gidduutti, leenca akkamii turte! Isheen leencota gidduu ciiftee ilmoolee ishee guddifatte.
EZE 19:3 Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte; innis leenca jabaa taʼe. Inni waa adamsee ciccirachuu barate; namootas nyaate.
EZE 19:4 Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan; inni boolla isaanii keessatti qabame. Isaan hokkoodhaan harkisanii gara biyya Gibxitti isa geessan.
EZE 19:5 “ ‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin, akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti, ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhattee leenca jabaa gootee guddifte.
EZE 19:6 Inni leencota gidduu biddiiqe; leenca jabaa taʼeeraatii. Inni waa adamsee ciccirachuu barate; namootas nyaate.
EZE 19:7 Inni daʼannoo isaanii diige; magaalaawwan isaaniis onse. Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundi aaduu isaatiin raafaman.
EZE 19:8 Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoo sanaa jiran isatti kaʼan. Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan; innis boolla isaanii keessatti qabame.
EZE 19:9 Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan; gara mootii Baabilonitti isa fidan. Mana hidhaatti isa galchan; kanaafuu aaduun isaa tulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne.
EZE 19:10 “ ‘Haati kee akkuma wayinii lafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti; biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteef mistee damee hedduu baaffatte.
EZE 19:11 Dameewwan isaas jajjaboo bokkuu bulchaatiif taʼan turan. Isheen baalawwan gobbatan gidduutti ol dheerina isheetii fi baayʼina dameewwan isheetiin ol dheerattee mulʼatti turte.
EZE 19:12 Isheen garuu aariidhaan buqqifamtee lafatti gatamte. Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogsee ija ishee irraa harcaase; dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan; ibiddis isaan fixe.
EZE 19:13 Amma isheen gammoojjii keessa, lafa gogaa dheebote irra dhaabamte.
EZE 19:14 Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼee ija ishee fixe. Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼu tokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’ Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha.”
EZE 20:1 Waggaa torbaffaa, jiʼa shanaffaa keessa guyyaa kudhannaffaatti maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko waan Waaqayyo jedhu gaafachuuf dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
EZE 20:2 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
EZE 20:3 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii maanguddoota Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin yaada koo gaafachuu dhuftanii? Ani jiraataadhaatii, ani akka isin yaada koo gaafattaniif isinii hin eeyyamu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’
EZE 20:4 “Ati isaanitti murtaa? Yaa ilma namaa, ati isaanitti murtaa? Ergasiis akka isaan hojiiwwan abbootii isaanii jibbisiisoo sana beekan godhi;
EZE 20:5 akkanas isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan Israaʼel filadhetti harka koo ol qabadhee sanyii mana Yaaqoobiif kakachuudhaan biyya Gibxi keessatti isaanitti of mulʼiseera. Harka koo ol kaasee, “Ani Waaqayyo Waaqa keessan” isaaniin jedheera.
EZE 20:6 Gaafas ani biyya Gibxii isaan baasee biyya ani isaaniif file kan aannanii fi damma baastu, biyya biyyoota hunda caalaa miidhagdutti isaan galchuudhaaf isaaniif nan kakadhe.
EZE 20:7 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Tokkoon tokkoon keessan wantoota jibbisiisoo kan iji keessan itti gammadu sana balleessaa; waaqota Gibxiinis of hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
EZE 20:8 “ ‘Isaan garuu natti fincilanii na dhagaʼuu didan; wantoota jibbisiisoo iji isaanii itti gammade sanas hin balleessine yookaan waaqota Gibxi tolfamoo sanas hin dhiisne. Kanaafuu ani biyya Gibxi keessatti aarii koo isaanitti baʼuudhaaf dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa jedheen ture.
EZE 20:9 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota Israaʼeloonni gidduu isaanii jiraatan kanneen ani Israaʼeloota biyya Gibxii baasuudhaan fuula isaanii duratti of beeksise sanaa duratti hin xuroofne gochuudhaaf maqaa kootiif jedheen hojjedhe.
EZE 20:10 Kanaafuu ani biyya Gibxii isaan baaseen gammoojjiitti isaan fide.
EZE 20:11 Akka namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraatuuf ani sirnawwan koo isaaniif nan kenne; seerawwan koos isaanitti nan beeksise.
EZE 20:12 Akkasumas akka isaan akka ani Waaqayyo isaan qulqulleesse beekaniif, akka anaa fi isaan gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbatoota koo isaaniif nan kenne.
EZE 20:13 “ ‘Manni Israaʼel garuu gammoojjii keessatti natti fincile. Sirna koo isa namni yoo itti bule isaan jiraatu isa hin eegne; seera koos ni tuffatan. Sanbatoota koos guutumaan guutuutti xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti isaanan barbadeessa jedhen ture.
EZE 20:14 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota utuma iji isaanii arguu Israaʼelin achii baase sanaa duratti hin xuroofneef maqaa kootiif jedhee waan kana nan hojjedhe.
EZE 20:15 Akkasumas biyya ani isaaniif kenne kan biyyoota hunda caalaa miidhagdu kan aannanii fi damma baastutti akka isaan hin galchine harka koo ol qabadhee gammoojjii keessatti isaanitti nan kakadhe;
EZE 20:16 kunis waan isaan seera koo tuffataniif, sirna koo duukaa hin buʼinii fi Sanbatoota koo xureessaniif. Yaadni isaanii waaqota isaanii tolfamoo faana buʼeeraatii.
EZE 20:17 Taʼus ani gara laafinaanan isaan ilaale malee isaan hin balleessine yookaan gammoojjii keessatti isaan hin fixne.
EZE 20:18 Ani gammoojjii keessatti ijoollee isaaniitiin akkana nan jedhe; “Sirna abbootii keessanii duukaa hin buʼinaa yookaan seera isaanii hin eeginaa yookaan waaqota isaanii tolfamoon of hin xureessinaa.
EZE 20:19 Ani Waaqayyo Waaqa keessan; sirna koo duukaa buʼaa; seera koos of eeggannaadhaan eegaa.
EZE 20:20 Akka inni nu gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbata koo qulqullinaan eegaa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu.”
EZE 20:21 “ ‘Ijoolleen isaanii garuu natti fincilan; isaan sirna koo isa, “Namni yoo itti bule isaan jiraatu” sana duukaa hin buune; seera koos of eeggannoodhaan hin eegne. Sanbatoota koos ni xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti aarii koo isaanitti nan baʼa jedheen ture.
EZE 20:22 Ani garuu maqaa kootiif jedhee akka maqaan koo fuula saboota ani utuma isaan ilaalanuu achii isaan baase sanaa duratti hin xuroofneef harka koo dachaafadhe.
EZE 20:23 Akkasumas ani gammoojjii keessatti harka koo ol qabadhee akkan saboota gidduutti isaan faffacaasuu fi biyyoota keessa isaan bittinneessu fuula isaanii duratti nan kakadhe;
EZE 20:24 isaan seera kootiif ajajamuu didan; sirna koos ni tuffatan; Sanbatoota koos ni xureessan; iji isaaniis waaqota tolfamoo kan abbootii isaanii duukaa buʼe.
EZE 20:25 Anis sirna gaarii hin taʼinii fi seera isaan itti hin jiraannetti dabarseen isaan kenne;
EZE 20:26 anis sodaadhaan isaan guutuufan aarsaa isaan ilmaan isaanii hangafa dhiʼeessuudhaan kennan sanaan akka isaan xuraaʼan nan godha; kanas ani akka isaan akka ani Waaqayyo taʼe beekaniifan godhe.’
EZE 20:27 “Kanaafuu yaa ilma namaa, akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kanaanis abbootiin keessan na gananii na arrabsan;
EZE 20:28 yeroo ani gara biyya ani isaaniif kennuuf kakadhee ture sanaatti isaan galchee isaan immoo gaara ol dheeraa kam iyyuu yookaan muka lalisaa kam iyyuu arganitti, isaan achitti aarsaa isaaniif dhiʼeessan; aariif na kakaasuuf jedhanii qalma dhiʼeessan; ixaana isaanii urgaaʼaa dhiʼeessanii dhibaayyuu isaaniis dhibaafatan.
EZE 20:29 Anis lafti ol dheeraan isin dhaqxan kun maal?’ isaaniin jedhe.” Hamma harʼaatti lafti sun Baamaa jedhamee waamama.
EZE 20:30 “Kanaaf mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin akkuma abbootii keessanii of xureessitanii hawwii wantoota jibbisiisoo isaaniitiin gubattanii?
EZE 20:31 Isin yeroo kennaa keessan dhiʼeessitanii ilmaan keessan ibiddaan aarsaa gootanitti, hamma harʼaatti ittuma fuftanii waaqota keessan tolfamoo hundaan of xureessitan. Yaa mana Israaʼel, akka isin na kadhattani ani isiniif nan eeyyamaa? Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; akka isin na kadhattan ani isiniif hin eeyyamu.
EZE 20:32 “ ‘Isin, “Nu akka sabootaa, akka uummata addunyaa kanneen mukaa fi dhagaadhaaf sagadan sanaa taʼuu feena” jettu. Garuu wanni isin garaatti yaaddan gonkumaa hin taʼu.
EZE 20:33 Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani irree jabaa fi harka diriirfameen, dheekkamsa roobsuudhaan isinan bulcha.
EZE 20:34 Ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa roobeen saboota keessaa isinan fida; biyyoota isin itti bibittinnooftan keessaas walitti isinan qaba.
EZE 20:35 Ani gammoojjii sabootaatti isin fidee achitti ifaan ifatti isinitti nan mura.
EZE 20:36 Ani akkuman biyya Gibxitti abbootii keessanitti mure sana isinittis nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 20:37 Ani akka isin ulee koo jalaan lootan nan godha; hidhaa kakuuttis isin nan galcha.
EZE 20:38 Warra natti kaʼanii natti fincilan isin keessaa nan baasa. Biyya isaan jiraachaa turan sana keessaa isaan nan baasa; garuu isaan biyya Israaʼel hin seenan. Kanaanis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 20:39 “ ‘Yaa mana Israaʼel waaʼee keessan garuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tokkoon tokkoon keessan dhaqaatii waaqota tolfamoo keessan tajaajilaa! Ergasii garuu dhugumaan na dhaggeeffattu; kennaa fi waaqota keessaniinis lammata maqaa koo qulqullicha hin xureessitan.
EZE 20:40 Tulluu koo qulqullicha irratti, tulluu Israaʼel dheeraa sana irratti, jedha Waaqayyo Gooftaan, achitti guutummaan mana Israaʼel na tajaajilu; anis achitti isaan nan simadha. Achittis buusii keessanii fi kennaa keessan filatamaa sana aarsaa keessan qulqulluu hunda wajjin nan barbaada.
EZE 20:41 Ani yeroon saboota keessaa isin baasee biyyoota isin itti bittinnooftanii turtan keessaa walitti isin qabutti, ixaana urgaaʼaa godhadhee isin nan simadha; fuula sabootaa durattis isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo of nan mulʼisa.
EZE 20:42 Yeroo ani biyya Israaʼel, biyya ani abbootii keessaniif kennuuf harka ol qabadheen kakadhee ture sanatti isin galchutti isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 20:43 Achitti isin amala keessanii fi gochawwan ittiin of xureessitan hunda ni yaadattu; hammina hojjettan hundaafis of balfitu.
EZE 20:44 Yaa mana Israaʼel, yeroo ani utuu akka hammina keessaniittii fi akka hojii keessan fokkisaa sanaatti hin taʼin, maqaa kootiif jedhee isinii araaramutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 20:45 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 20:46 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara kibbaatti garagalfadhu; biyya kibbaatti lallabiitii bosona biyya Negeebiitiin mormuudhaan raajii dubbadhu.
EZE 20:47 Bosona Negeebiin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ibidda sitti qabsiisuufan jira; innis mukkeen kee hunda jiidhaa fi goggogaa illee ni fixa. Arrabni isaa hin dhaamu; wanni kibbaa hamma kaabaatti jiru hundinuus ni gubama.
EZE 20:48 Namni hundinuus akka ani Waaqayyo ibidda sana qabsiise ni beeka; ibiddi sunis hin dhaamu.’ ”
EZE 20:49 Anis, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani bade! Isaan waaʼee koo, ‘Inni fakkeenya dubbata mitii?’ anaan jedhu” jedhe.
EZE 21:1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 21:2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Yerusaalemitti garagalfadhuutii iddoo qulqulluu kanaan mormii lallabi. Biyya Israaʼeliinis mormii raajii dubbadhu;
EZE 21:3 akkanas isheen jedhi: ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani sitti nan kaʼa. Goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhee nama qajeelaas, hamaas si keessaa nan balleessa.
EZE 21:4 Waan ani nama qajeelaas, nama hamaas balleessuudhaaf goraadeen koo saba kibbaa hamma kaabaatti jirutti ni luqqifama.
EZE 21:5 Akka ani Waaqayyo goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhe, namni hundi ni beeka; innis manʼee isaatti hin deebiʼu.’
EZE 21:6 “Kanaafuu yaa ilma namaa, aadi! Fuula isaanii duratti garaa cabaa fi gadda hadhaaʼaadhaan aadi.
EZE 21:7 Yommuu isaan, ‘Ati maaliif aadda?’ jedhanii si gaafatanitti, ‘Sababii oduu dhagaʼamaa jiruutiif. Onneen hundi ni baqxi; harki hundis ni laafa; hafuurri hundi ni gaggaba; jilbi hundis bishaan taʼa.’ Oduuni sun dhagaʼamaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 21:8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
EZE 21:9 “Yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii, ‘Gooftaan akkana jedha’ jedhi: “ ‘Goraadee! Goraadee! Goraadee qaramee cululuqfame,
EZE 21:10 kan ajjeesuuf qarame, akka balaqqee calaqqisuudhaaf cululuqfame! “ ‘Nu bokkuu ilma koo Yihuudaatiin gammannaa? Goraadeen ulee akkasii hunda tuffata.
EZE 21:11 “ ‘Goraadeen akka harkaan qabatamuuf cululuqfamuuf ramadameera; harka warra nama qaluutti kennamuuf qaramee cululuqfameera.
EZE 21:12 Yaa ilma namaa, kun saba kootti, ilmaan mootota Israaʼel hundatti dhufeeraatii, iyyii wawwaadhu. Isaan saba koo wajjin goraadeedhaaf kennamaniiru. Kanaafuu ati laphee kee rukuti.
EZE 21:13 “ ‘Qorumsi dhugumaan ni dhufa. Yoo bokkuun goraadeen tuffate sun itti fufuu baate hoo? jedha Waaqayyo Gooftaan.’
EZE 21:14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, ati raajii dubbadhu; harka kees walitti rurrukuti. Goraadeen yeroo lama, yeroo sadiis haa dhaʼu. Goraadeen kun goraadee nama fixu, goraadee akka malee nama fixu, kan qixa hundaan isaan marsuu dha.
EZE 21:15 Kunis akka onneen baqxee hedduun isaanii barbadeeffamaniif ani balbala isaanii hunda dura ajjeechaaf goraadee kaaʼeera. Wayyoo! Inni akka calaqqisuuf haxaaʼameera; inni nama ajjeesuuf cululuqfame.
EZE 21:16 Yaa goraadee, kallattii qara keetii hundaan karaa mirgaatiinis, karaa bitaatiinis kuti.
EZE 21:17 Anis harka koo walitti nan rurrukuta; dheekkamsi koos ni qabbanaaʼa. Ani Waaqayyo dubbadheeraa.”
EZE 21:18 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 21:19 “Yaa ilma namaa, akka goraadeen mootii Baabilon ittiin dhufuuf daandii lama baasi; lachanuu biyyuma tokkoo kaʼu. Iddoo daandiin sun gara magaalaatti goru irras mallattoo dhaabi.
EZE 21:20 Goraadee Rabbaa Amoonotaatti dhufuuf daandii tokko mallattoo godhadhu; kan Yihuudaa fi magaalaa Yerusaalem ishee daʼannoo qabdu sanatti dhufu immoo daandii lammaffaa mallattoo godhadhu.
EZE 21:21 Mootiin Baabilon milkii ilaallachuuf jedhee iddoo daandiin sun wal gaʼu irra, fiixee daandiiwwan lamaanii irra dhaabata; innis xiyyaan ixaa buufata; waaqota isaa tolfamoo sanaan ni mariʼata; tiruus ni ilaallata.
EZE 21:22 Akka inni waan ittiin dallaa diigu dhaabuuf, akka ajaja ajjeechaa kennuuf, akka waca waraanaa dhageessisuuf, akka waan ittiin dallaa diigan karra dura kaaʼuuf, akka biyyoo tuuluu fi akka daʼannoo hojjetuuf harka isaa mirgaatti ixaan Yerusaalemiif baʼe.
EZE 21:23 Wanni kunis warra isa wajjin kakuu galaniif milkii sobaa fakkaata; inni garuu dogoggora isaanii isaan yaadachiisee boojuudhaan isaan fudhata.
EZE 21:24 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Isin sababii akka cubbuun keessan waan isin hojjettan hunda keessatti mulʼatuuf, akka balleessaan keessan hin dhokanne gochuudhaan waan akka yakki keessan yaadatamu gootaniif jechuunis waan akkana gootaniif ni boojiʼamtu.
EZE 21:25 “ ‘Yaa ilma mootii Israaʼel xuraaʼaa fi hamaa nana, kan guyyaan kee dhiʼaate, kan yeroon adabama keetii fiixee gaʼe,
EZE 21:26 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Marata of irraa hiiki; gonfoos of irraa fuudhi. Wanti akka amma jirutti hafu hin jiru; kan gad qabame ol qabama; kan ol qabame immoo gad qabama.
EZE 21:27 Diigama! Diigama! Ani ishee nan diiga! Hamma namni isheen isaaf maltu dhufutti isheen akka kanaan duraa hin taatu; ishees isaaf nan kenna.’
EZE 21:28 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii raajii dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee Amoonotaa fi arrabsoo isaanii akkana jedha: “ ‘Goraadee, goraadee, kan ajjeesuuf luqqifame, akka fixuu fi akka calaqqisuuf kan haxaaʼame!
EZE 21:29 Mulʼanni sobaa waaʼee keetiif, raajiin sobaa siif jiraatu iyyuu, inni morma hamoota ajjeefamuu qaban kanneen guyyaan isaanii dhiʼaate, warra yeroon adabbii isaanii gaʼe irra ni kaaʼama.
EZE 21:30 Goraadee manʼee isaatti deebisi; iddoo ati itti dhalattetti, biyya akaakayyuu keetiitti, ani sitti nan mura.
EZE 21:31 Ani dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ibidda aarii kootiis sitti nan buufa; ani namoota hamoo kanneen balleessuudhaan beekamanitti dabarsee sin kenna.
EZE 21:32 Ati qoraan ibiddaa taata; dhiigni kee biyya kee keessatti dhangalaʼa; siʼachi hin yaadatamtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii.’ ”
EZE 22:1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 22:2 “Yaa ilma namaa, isheetti murtaa? Magaalaa dhiiga dhangalaaftu kanatti ni murtaa? Yoos hojii ishee jibbisiisaa sana itti himi;
EZE 22:3 akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa magaalaa of keessatti dhiiga dhangalaasuudhaan badii ofitti fiddee waaqota tolfamoo tolchuudhaan of xureessitu,
EZE 22:4 ati sababii dhiiga dhangalaafte sanaatiif yakka hojjetteerta; sababii waaqota tolfamoo tolchiteef immoo xuroofteerta. Ati bara kee gabaabsiteerta; xumuramuun bara keetiis dhiʼaateera. Kanaafuu ani namoota ormaa biratti tuffatamtuu, biyyoota hundaaf immoo waan qoosaa sin taasisa.
EZE 22:5 Yaa magaalaa salphatee gooliin si keessa guute, warri dhiʼoo fi fagoo jiraatan sitti qoosu.
EZE 22:6 “ ‘Akka tokkoon tokkoon ilmaan moototaa kanneen si keessa jiraatan humna isaaniitti fayyadamanii dhiiga dhangalaasan ilaali.
EZE 22:7 Abbootii fi haadhonni si keessatti salphifaman; alagoonni ni hacuucaman; ijoolleen abbaa hin qabnee fi haadhonni hiyyeessaa si keessatti miidhaman.
EZE 22:8 Ati miʼoota koo qulqulluu tuffattee Sanbata koos xureessite.
EZE 22:9 Namoonni dhiiga dhangalaasuuf maqaa nama balleessan si keessa jiru; warri galma waaqeffannaa tulluuwwan irraattii nyaatanii fi sagaagalan si keessa jiru.
EZE 22:10 Namoonni siree abbaa isaanii xureessan si keessa jiru; namoonni dubartoota xurii jiʼaa qaban kanneen akka seeraatti qulqulluu hin taʼin wajjin ciisanis si keessa jiru.
EZE 22:11 Si keessatti namni tokko niitii ollaa isaa wajjin waan jibbisiisaa hojjeta; kaan haala fokkisaadhaan niitii ilma isaa xureessa; kaan immoo obboleettii isaa, intaluma abbaa isaa xureessa.
EZE 22:12 Namoonni dhiiga dhangalaasuuf jedhanii si keessatti mattaʼaa fudhatu; atis hiiqii fi dhala fudhachuudhaan ollaa kee irraa buʼaa hin malle argachaa jirta. Ati na irraanfatteerta, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 22:13 “ ‘Ani dhugumaan buʼaa ati karaa hin malleen argattee fi dhiiga ati gidduu keetti dhangalaafte sanaaf harka koo walitti nan rurrukuta.
EZE 22:14 Gaafa ani si adabutti garaan kee jabaatee dhaabachuu yookaan harki kee humna qabaachuu dandaʼaa? Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kanas nan godha.
EZE 22:15 Ani saboota keessa sin bittinneessa; biyyoota keessas sin facaasa; xuraaʼummaa kees sirraa nan qulqulleessa.
EZE 22:16 Ati yeroo fuula sabootaa duratti xurooftetti akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.’ ”
EZE 22:17 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 22:18 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel udaan sibiilaa natti taʼeera; hundi isaanii naasii, qorqorroo, sibiilaa fi dilaalii boolla ibiddaa keessatti dhiifame natti taʼaniiru. Isaan udaanuma meetiiti malee homaa miti.
EZE 22:19 Kanaafuu Waaqayyo gooftaan akkana jedha: ‘Sababii hundi keessan udaan sibiilaa taataniif, ani Yerusaalem keessatti walittan isin qaba.
EZE 22:20 Akkuma namoonni meetii, naasii, sibiila, dilaalii fi qorqorroo baqsuuf jedhanii boolla ibiddaatti guuran sana, anis aarii fi dheekkamsa kootiin walitti isin qabee magaalaa keessatti isinan baqsa.
EZE 22:21 Ani walitti isin qabee ibidda dheekkamsa kootii isinitti nan buufa; isinis ishee keessatti ni baqfamtu.
EZE 22:22 Akkuma meetiin boolla ibiddaa keessatti baqfamu sana, isinis ishee keessatti ni baqfamtu; akka ani Waaqayyo dheekkamsa koo isinitti roobses ni beektu.’ ”
EZE 22:23 Ammas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 22:24 “Yaa ilma namaa biyya sanaan, ‘Ati biyya hin qulqulleeffamin yookaan kan bara dheekkamsaa keessa bokkaan itti hin roobinii dha’ jedhi.
EZE 22:25 Ilmaan mootota ishee akkuma leenca waan adamsate ciccirachaa aaduu ti; isaan saba nyaatu; qabeenyaa fi miʼoota gatii guddaa saamuudhaan dubartoota hedduu dhirsa malee hambisu.
EZE 22:26 Luboonni ishee seera koo cabsanii miʼoota koo qulqulluu xureessu; isaan waan qulqullaaʼee fi waan hin qulqullaaʼin gargar hin baasan; kan hin qulqullaaʼinii fi kan qulqullaaʼe gidduu garaa garummaan hin jiru jedhanii barsiisu; akka ani isaan gidduutti tuffatamuuf Sanbatoota koo eeguu irraa ija isaanii dunuunfatu.
EZE 22:27 Ishee keessatti qondaaltonni ishee akkuma yeeyyiiwwan waan adamsatan ciccirachaa jiranii ti; isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii dhiiga dhangalaasu; namootas ni ajjeesu.
EZE 22:28 Raajonni ishees hojii kana mulʼata sobaatii fi raajii sobaatiin haguugu. Isaan utuma Waaqayyo hin dubbatin, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhu.
EZE 22:29 Sabni biyya sanaa ni cunqursu; ni saamus; murtii qajeelaa gananii hiyyeeyyii fi rakkattoota hacuucu; alagootas ni miidhu.
EZE 22:30 “Nama akka ani biyyattii hin balleessineef dallaa ijaaree biyyattiidhaaf jedhee karaa qaawwaatiin fuula koo dura dhaabatu isaan gidduu nan barbaade; garuu nama tokko illee hin arganne.
EZE 22:31 Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee ibidda aarii kootiitiin isaan nan fixa; waan isaan godhan hunda mataa isaaniitti nan fida, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 23:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 23:2 “Yaa ilma namaa, dubartoota lama, intallan haadha tokkootu ture.
EZE 23:3 Isaanis shamarrummaa isaaniitii jalqabanii sagaagalummaadhaaf of kennuudhaan biyya Gibxi keessatti sagaagaltoota taʼan. Biyya sanattis harmi isaanii ni tuttuqame; fiixeen guntuta isaanii kan yeroo durbummaa immoo ni qaqqabatame.
EZE 23:4 Ishee hangafni Oholaa, obboleettiin ishee immoo Oholaa jedhamte. Isaanis kan koo turan; ilmaanii fi intallanis daʼan. Aholaan Samaariyaa dha; Oholiibaan immoo Yerusaalemii dha.
EZE 23:5 “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa jalqabde; isheenis michoota ishee jechuunis loltoota Asoor kajeelte;
EZE 23:6 isaanis loltoota wayyaa bifa cuquliisaa uffatan, bulchitootaa fi ajajjoota; isaan hundinuus namoota mimmiidhagoo kanneen farda yaabbatan turan.
EZE 23:7 Isheenis hayyoota Asoor hundaaf sagaagalummaadhaan of kennite; waaqota tolfamoo namoota isheen kajeelte sanaa hundaanis of xureessite.
EZE 23:8 Isheen sagaagalummaa ishee kan biyya Gibxi keessatti jalqabde sana hin dhiifne; yeroo shamarrummaa isheetti namoonni ishee wajjin ciisan fiixee guntuta ishee kan yeroo durbummaa qaqqabatanii dharraa sagaagalummaa isaanii ishee irratti dhangalaasan.
EZE 23:9 “Kanaafuu ani michoota ishee, Asoorota isheen dharraatetti dabarsee ishee nan kenne.
EZE 23:10 Isaanis qullaa ishee mulʼisan; ilmaanii fi intallan ishee ni fudhatan; goraadeedhaanis ishee ajjeesan. Isheen dubartoota keessatti waan kolfaa taatee murtiin ishee irratti raawwatame.
EZE 23:11 “Obboleettiin ishee Oholiibaa waan kana argitee turte; taʼus isheen dharraa isheetii fi sagaagalummaa isheetiin obboleettii ishee caalaa xuroofte.
EZE 23:12 Akkasumas isheen Asoorota jechuunis bulchitootaa fi ajajjoota, loltoota wayyaa irraa fi jalaa uffatan, namoota farda yaabbatan kanneen hundi isaanii dargaggeeyyii mimmiidhagoo taʼan dharraate.
EZE 23:13 Ani akka isheenis of xureessite nan arge; lachan isaanii iyyuu daandii tokko irra deemu.
EZE 23:14 “Isheen garuu sagaagalummaa ishee ittuma fufte. Fakkii namootaa kan keenyan manaa irratti fakkeeffame, fakkiiwwan Kaldootaa kan halluu diimaadhaan fakkeeffame,
EZE 23:15 kan mudhii isaanii irraa sabbata, mataa isaanii irraa immoo marata qaban argite; isaan hundi ajajjoota gaarii waraanaa kan Baabilonotaa, dhalattoota biyya Kaldootaa fakkaatu ture.
EZE 23:16 Isheenis akkuma isaan argiteen isaan dharraatee gara biyya Kaldootaatti ergamoota isaanitti ergatte.
EZE 23:17 Warri Baabilonis gara ishee, gara siree jaalalaa seenanii dharraa sagaagalummaa isaaniitiin ishee xureessan. Isheenis erga isaaniin xurooftee booddee jibbitee isaan irraa garagalte.
EZE 23:18 Yeroo isheen ifaan ifatti sagaagalummaa ishee itti fuftee qullaa of dhaabdetti, ani akkuman obboleettii ishee irraa gara gale sana jibbaan ishee irraa nan gara gale.
EZE 23:19 Taʼus isheen akkuma yeroo shamarrummaa ishee, yeroo biyya Gibxi keessatti sagaagaltuu turte sana yaadatteen sagaagalummaa ishee ittuma fufte.
EZE 23:20 Isheenis achitti michoota ishee kanneen dhagni saala isaanii, dhagna hormaata korma harree fakkaatu, fincaan isaanii kan dhiiraa immoo fincaan korma fardaa fakkaatu sana dharraate.
EZE 23:21 Kanaafuu ati addaggummaa yeroo shamarrummaa keetii kan yeroo biyya Gibxi turtetti harmi kee qaqqabatamee guntunni kee immoo tuttuqame sana yaadatte.
EZE 23:22 “Kanaafuu yaa Oholiibaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani michoota kee kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sana sitti kaasee qixa hundaan sitti nan fida.
EZE 23:23 Isaan kunneenis Baabilonotaa fi Kaldoota hunda, namoota Pheqood kan Shooʼaatii fi Qoʼaa turan; isaan wajjinis Asoorota hundattu ture; Asooronni kunneenis dargaggeeyyii mimmiidhagoo hundi isaanii bulchitootaa fi ajajjoota waraanaa, ajajjoota gaarii waraanaatii fi namoota sadarkaa ol aanaa kanneen hundi isaanii fardaan deeman turan.
EZE 23:24 Isaanis miʼa lolaatii fi gaarii waraanaa, gaariiwwan biraatii fi tuuta uummataa wajjin sitti dhufu; isaanis gaachana guddaa fi xinnaan, gonfoo sibiilaatiin qixa hundaan sitti hiriiru; ani dabarsee isaanitti adabbiif sin kenna; isaan akkuma seera isaaniitti si adabu.
EZE 23:25 Ani dheekkamsa koo sitti nan erga; isaanis aariidhaan sirra yaaʼu. Funyaanii fi gurra kee sirraa kutu; warri si keessaa hafan iyyuu goraadeedhaan dhumu. Isaan ilmaan keetii fi intallan kee fudhatanii deemu. Warri si keessaa hafan immoo ibiddaan barbadeeffamu.
EZE 23:26 Akkasumas wayyaa kee sirraa baafatanii faaya kee miidhagaa fudhatu.
EZE 23:27 Akkasiin ani addaggummaa fi sagaagalummaa ati biyya Gibxitti jalqabde sana nan dhaaba. Ati dharraadhaan wantoota kanneen hin ilaaltu yookaan lammata biyya Gibxi hin yaadattu.
EZE 23:28 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani warra ati jibbite, kanneen ati xireeffattee irraa garagalte sanatti dabarsee sin kenna.
EZE 23:29 Isaanis jibbaan sitti dhufanii waan ati itti dadhabde hunda sirraa fudhatu. Qullaa fi harka duwwaa si hambisu; qaaniin sagaagalummaa keetiis ifatti baʼa. Addaggummaan keetii fi halalummaan kee,
EZE 23:30 waan kana sitti fidaniiru; ati saboota ormaa dharraatee waaqota isaanii tolfamoodhaan of xureessiteertaatii.
EZE 23:31 Ati karaa obboleettiin kee deemte irra deemteerta; kanaafuu ani harka kee keessa xoofoo ishee nan kaaʼa.
EZE 23:32 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Atis xoofoo guddaa fi gad fagoo, xoofoo obboleettii keetii ni dhugda; ati arrabsoo fi tuffii ni quufta; xoofoon sun dhugaatii baayʼee qabataatii.
EZE 23:33 Ati xoofoo obboleettii keetii kan Samaariyaatiin, xoofoo diigamuutii fi badiisaatiin, kan machiitii fi gaddaatiin ni guutamta.
EZE 23:34 Ati ni dhugda; keessaas ni fixxa; xoofoo sana ni caccabsita; harma kee of irraa ciccirta. Ani waan kana dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 23:35 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ati waan na irraanfattee duubatti na gatteef gatii addaggummaa keetiitii fi sagaagalummaa keetii ni argatta.”
EZE 23:36 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ati Oholaa fi Oholiibaatti ni murtaa? Yoos hojii isaanii jibbisiisaa sana isaanitti himi;
EZE 23:37 isaan sagaagalaniiru; dhiigni harka isaanii irra jira. Isaan waaqota isaanii tolfamoo wajjin sagaagalaniiru; isaan ijoollee naaf daʼan iyyuu nyaata godhanii isaaniif aarsaa dhiʼeessaniiru.
EZE 23:38 Dabalaniis waan kana narratti raawwatan: Yeruma sana iddoo koo qulqulluu xureessan; Sanbatoota koos ni salphisan.
EZE 23:39 Gaafuma ijoollee isaanii waaqota tolfamoof aarsaa godhanitti iddoo koo qulqulluu seenanii xureessan. Wanni isaan mana koo keessatti godhan kanaa dha.
EZE 23:40 “Akka namoonni biyya fagootii dhufaniif ergamoota itti ergan; isaanis ni dhufan; yommuu isaan dhufanittis ati dhagna kee dhiqattee, ija kee kuulattee faaya kee kaaʼatte.
EZE 23:41 Ati siree ulfinaa irra teesse; fuula siree sanaa dura minjaala keesse; minjaala sana irras ixaana kootii fi zayitii koo keesse.
EZE 23:42 “Wacni fandalaltootaa naannoo isheetti dhagaʼame; machooftonni namoota wacan sana wajjin gammoojjiidhaa dhufanis achi turan; isaanis irree dubartii sanaattii fi kan obboleettii isheetti bitawoo, mataa isaaniitti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼaniif.
EZE 23:43 Anis, ‘Namoonni yeroo ishee wajjin sagaagalanitti isaan amma ejja hojjechuu isaaniitii mitii?’ nan jedhe.
EZE 23:44 Jarris ishee wajjin ciisan. Isaanis akkuma namoonni sagaagaltoota wajjin ciisan sana Oholaa fi Oholiibaa addaggeewwan sana wajjin ciisan.
EZE 23:45 Sababii isaan ejjitoota taʼanii fi dhiigni harka isaanii irratti argameef, namoonni qajeeltonni adabbii dubartoota ejjitootaa fi dhiiga dhangalaasaniif malu isaanitti muru.
EZE 23:46 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jeeqxota itti nan kakaasa; raafamaa fi saamichaaf dabarsee isaan nan kenna.
EZE 23:47 Jeeqxonni sunis dhagaan isaan tumanii goraadee isaaniitiin isaan kukkutu; ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixanii manneen isaanii immoo ni gubu.
EZE 23:48 “Kanaafuu akka dubartoonni hundi of eeggatanii fi isin duukaa hin buuneef ani biyyattii keessaa addaggummaa nan balleessa.
EZE 23:49 Isin addaggummaa keessaniif ni adabamtu; gatii cubbuu keessan kan waaqota tolfamoo waaqessuudhaan hojjettan sanaa ni argattu. Ergasiis akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.”
EZE 24:1 Waggaa saglaffaa, jiʼa kurnaffaa keessa bultii kurnaffaatti; dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 24:2 “Yaa ilma namaa guyyaa kana, guyyaa harʼaa kana galmeeffadhu; mootiin Baabilon guyyaa harʼaa kana Yerusaalemin marseeraatii.
EZE 24:3 Mana fincilaa kanatti akkana jedhii fakkeenya himi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Okkotee itti affeelan ibidda irra kaaʼi; ibidda irra kaaʼiitii bishaan itti naqi.
EZE 24:4 Foon murmuramaa, foon murmuramaa filatamaa hunda jechuunis tafaa fi cinaacha itti naqi. Lafeewwan filatamoodhaanis isa guuti;
EZE 24:5 bushaayee keessaa filatamaa isaa fuudhi. Lafee bilcheessuudhaaf okkotee sana jala qoraan naqi; akka gaariitti affeeli; lafee isaas bilcheessi.
EZE 24:6 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “ ‘Magaalaa dhiiga namaa dhangalaaftuuf, okkotee xuriin itti qabatee xuriin sun irraa hin baʼiniif wayyoo! Utuu ixaa hin buusin gumaa gumaa isaa keessaa fuudhii duwwaa hambisi.
EZE 24:7 “ ‘Dhiigni isheen dhangalaafte ishee keessa jiraatii; isheen kattaa qulullaaʼaa irratti dhiiga sana dhangalaafte; isheen dhiiga sanatti biyyoo deebisuuf lafatti hin dhangalaafne.
EZE 24:8 Ani dheekkamsa koo kakaasee haaloo baʼuuf jedhee akka dhiigni sun hin haguugamneef dhiiga ishee kattaa qulullaaʼaa irratti nan dhangalaase.
EZE 24:9 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Magaalaa dhiiga dhangalaaftu sanaaf wayyoo! Anis qoraan ibiddaa nan tuula.
EZE 24:10 Qoraan irra tuuli; ibiddas itti qabsiisi. Urgooftuu itti naqiitii foon isaa akka gaariitti affeeli; lafeen isaas haa gubamu.
EZE 24:11 Ergasii akka xuriin isaa irraa baqee wanni irratti ligidaaʼe gubatee baduuf, hamma inni hoʼee sibiilli diimaan isaa baqutti, okkotee duwwaa sana cilee bobaʼu irra kaaʼi.
EZE 24:12 Yaaliin godhame hundi akkasumaan hafe; ligidaaʼuun isaas ibiddaan iyyuu gad hin dhiifne.
EZE 24:13 “ ‘Xuraaʼummaan kee addaggummaa dha. Ani si qulqulleessuu yaaleera; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqulloofne; hamma dheekkamsi koo sirraa deebiʼutti ati lammata hin qulqullooftu.
EZE 24:14 “ ‘Ani Waaqayyo dubbadheera. Yeroon ani itti hojjedhu naaf dhufeera. Ani duubatti hin deebiʼu; ani garaa hin laafu yookaan hin gaabbu. Akkuma amala keetiittii fi hojii keetiitti sitti murama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 24:15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 24:16 “Yaa ilma namaa, ani waan iji kee itti gammadu dhaʼicha tokkoon si duraa nan fuudha. Taʼus ati hin gaddin yookaan hin booʼin yookaan imimmaan tokko iyyuu hin dhangalaasin.
EZE 24:17 Of keessatti aadi; nama duʼeef hin booʼin. Marata kee maradhu; kophee kees miilla keetti kaaʼadhu; fuula kee gara gadiitiin hin haguuggatin yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaatin.”
EZE 24:18 Kanaafuu ani ganamaan sabatti nan hime; niitiin koos galgala duute. Guyyaa itti aanu ganama ani akkuman ajajame sana nan godhe.
EZE 24:19 Namoonnis, “Waan kana gochuun kee hiikkaa maalii akka nuuf qabu ati nutti hin himtuu?” jedhanii na gaafatan.
EZE 24:20 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 24:21 Mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani iddoo koo qulqulluu jechuunis daʼannoo isin ittiin boontan, waan iji keessan itti gammadu, waan isin jaallattan sana nan xureessa. Ilmaanii fi intallan keessan kanneen isin dhiiftanii deemtan immoo goraadeedhaan ni dhumu.
EZE 24:22 Isinis akkuma ani godhe sana gootu. Fuula keessan gara gadiitiin hin haguuggattan yookaan buddeena warra gaddaa hin nyaattu.
EZE 24:23 Maranni keessan mataa keessan irra, kopheen keessan immoo miilla keessan irra haa turu. Isin sababii cubbuu keessaniitiif ni huqqattan; walii wajjinis ni aaddu malee hin gadditan yookaan hin boossan.
EZE 24:24 Hisqiʼeel mallattoo isiniif taʼa; isinis akkuma inni godhe sana ni gootan. Yeroo wanni kun taʼutti isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.’
EZE 24:25 “Yaa ilma namaa, gaafa ani daʼannoo isaanii, gammachuu fi ulfina isaanii, waan iji isaanii itti gammadu, waan garaan isaanii hawwuu fi ilmaanii fi intallan isaanii fudhadhutti,
EZE 24:26 gaafas namni miliqee baʼe tokko dhufee oduu sitti hima.
EZE 24:27 Gaafas afaan kee ni banama; atis isa wajjin ni haasofta; ergasii hin calʼistu. Kanaafuu ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
EZE 25:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 25:2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Amoonotaatti garagalfadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji.
EZE 25:3 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon koo qulqulluun xureeffametti, yeroo biyyi Israaʼel onetti, yeroo uummanni Yihuudaa boojiʼamee fudhatametti, “Baga!” jettaniirtuutii;
EZE 25:4 kanaafuu ani saba baʼa biiftuutti handhuuraa godheen dabarsee isin kenna. Isaan gidduu keessanitti qubata hundeeffatanii dunkaana isaanii ni dhaabbatu; isaan midhaan keessan nyaatu; aannan keessanis ni dhugu.
EZE 25:5 Magaalaa Rabbaa iddoo gaalli dheedu, Amoon immoo iddoo hoolaan boqotu nan godha. Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 25:6 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Isin jalʼina garaa keessaniitiin badiisa biyya Israaʼelitti gammaduudhaan harka keessan walitti rurrukuttanii miilla keessaniin lafa dhidhiittaniirtuutii;
EZE 25:7 kanaafuu ani harka koo isinitti diriirfadhee boojuuf dabarsee sabootatti isinan kenna. Ani saboota irraa isin kutee biyyoota keessaa isinan balleessa. Ani isinan barbadeessa; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
EZE 25:8 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Moʼaabii fi Seeʼiir, “Kunoo manni Yihuudaa akkuma saboota biraa hundaa taʼe” jedhaniiruutii;
EZE 25:9 kanaafuu magaalaawwan daangaa biyyattii irra jiran kanneen ishee kabajamsiisan jechuunis Beet Yashiimooti, Baʼaal Meʼoonii fi Kiriyaataayimii jalqabee hamma Moʼaabitti jiran qullaa nan hambisa.
EZE 25:10 Ani akka Amoononni saboota gidduutti hin yaadatamneef Moʼaabotaa fi Amoonota handhuuraa godhee uummata baʼaatti nan kenna;
EZE 25:11 anis Moʼaabin nan adaba. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”
EZE 25:12 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Edoom mana Yihuudaatti haaloo baʼee waan kana gochuudhaan yakka guddaa hojjeteef,
EZE 25:13 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Edoomitti harka koo diriirfadhee namoota isheetii fi horii isaanii nan fixa. Ani ishee nan onsa; isaanis Teemaanii hamma Dedaaniitti goraadeedhaan ni dhumu.
EZE 25:14 Ani harka saba koo Israaʼeliin Edoomitti haaloo nan baʼa; isaanis akkuma aarii fi dheekkamsa kootiitti Edoomin adabu; Edoomis haaloo baafachuu koo ni beekti, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 25:15 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Sababii Filisxeemonni didhaan kakaʼanii garaa hamminaatiin haaloo baʼanii fi sababii isaan diinummaa duriitiin Yihuudaa balleessuu barbaadaniif,
EZE 25:16 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani harka koo diriirfadhee Filisxeemota nan balleessa; Kereetota nan balleessa; warra qarqara galaanaatti hafan nan barbadeessa.
EZE 25:17 Ani haaloo guddaa isaanitti baʼee dheekkamsa kootiin isaan nan adaba. Yeroo ani haaloo isaan baʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”
EZE 26:1 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sana keessaa guyyaa jalqabaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 26:2 “Yaa ilma namaa, Xiiroos waaʼee Yerusaalem, ‘Baga! Karri sabootaa cabeera; balbalawwan ishees naaf banamaniiru; egaa amma waan isheen onteef ani nan sooroma’ jetteertii;
EZE 26:3 kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Xiiroos, kunoo ani sitti kaʼeera; akkuma galaanni dambalii isaa kaasu sana anis saboota baayʼee sitti nan kaasa.
EZE 26:4 Isaan dallaa Xiiroos ni diigu; gamoo ishees ni jigsu; ani biyyoo ishee irraa haxaaʼee kattaa qullaa hafe ishee nan godha.
EZE 26:5 Isheen galaana keessatti iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan ni taati; ani dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Isheen sabootaaf boojuu taati;
EZE 26:6 intallan ishee kanneen walakkaa biyyaa jiranis goraadeedhaan ajjeefamu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 26:7 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani karaa kaabaatii Nebukadnezar mooticha Baabilon, mootii moototaa sana fardeenii fi gaariiwwan wajjin, abbootii fardaatii fi raayyaa waraanaa guddaa isaa wajjin Xiiroositti nan fida.
EZE 26:8 Innis intallan kee kanneen biyya walakkaa jiran goraadeedhaan fixa; dallaa ittiin si marsu ijaarrata; hamma dallaa keetiitti biyyoo ol tuula; gaachana isaas sitti ol kaafata.
EZE 26:9 Innis jirma ittiin waa diigan dallaa keetti garagalfata; gamoowwan kees miʼa lolaatiin diiga.
EZE 26:10 Fardeen isaas hamma awwaaraan si haguuguu dandaʼanitti gar malee baayʼee taʼu. Yeroo inni akkuma namoota magaalaa dallaan ishee diigame seenaniitti karrawwan keetiin ol seenutti dallaan kee didichuu fardeen waraanaatiin, kan gaariiwwan waraanaatii fi kan gaariiwwan kaaniitiin ni raafama.
EZE 26:11 Kotteewwan fardeen isaa daandiiwwan kee hunda ni dhidhiitu; innis namoota kee goraadeedhaan ajjeesa; utubaawwan kee jajjaboonis ni jigu.
EZE 26:12 Isaan qabeenya kee boojiʼu; miʼa kee kan daldalaa ni saamu; dallaa kee ni jigsu; manneen kee mimmiidhagoo ni diigu; dhagaa kee, jirmaa fi biyyoo kee galaanatti naqu.
EZE 26:13 Ani sirba kee nan hambisa; sagaleen baganaa keetii siʼachi hin dhagaʼamu.
EZE 26:14 Ani kattaa qullaa hafe si taasisa; atis iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan taata. Ati gonkumaa deebifamtee hin ijaaramtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 26:15 “Waaqayyo Gooftaan Xiiroosiin akkana jedha: Yeroo warri madaaʼan aadanii fi yeroo namni si keessatti qalamutti biyyoonni qarqara galaanaa sagalee jiguu keetiitiin hin hollatanii?
EZE 26:16 Ilmaan moototaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi teessoo isaanii irraa ni buʼu; uffata isaanii lafa kaaʼu; wayyaa isaanii kan faayeffames of irraa baasu. Isaan sodaadhaan guutamanii daaraa irra taaʼanii utuu addaan hin kutin waan sirra gaʼe sanaan naasuudhaan hollatu.
EZE 26:17 Isaanis waaʼee keetiif akkana jedhanii faarsanii siif booʼu: “ ‘Yaa magaalaa beekamtuu, kan namoota galaanaatiin guutamte ati akkamitti barbadoofte! Ati lammiiwwan kee wajjin galaana irratti irree jabeettii turte; warra achi jiraatan hundas sodaa keetiin guutte.
EZE 26:18 Gaafa ati jigdutti, biyyoonni qarqara galaanaa ni hollatu; jigaatii keetiinis biyyoonni bishaan gidduu kanneen galaanaan marfaman akka malee sodaatan.’
EZE 26:19 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu ani akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee magaalaa onte si taasisutti, yommuu ani tujuba sirra garagalchee bishaan guddaadhaan si haguugutti,
EZE 26:20 ani gara namoota duriitti, warra boolla buʼan wajjin boolla sin buusa. Ani akkuma diigama duriitti, warra boolla buʼan wajjin akka ati lafa jala jiraattu sin godha; atis lammata hin deebitu yookaan biyya warra lubbuun jiranii keessatti iddoo hin argattu.
EZE 26:21 Anis dhuma kee suukaneessaa nan godha; atis siʼachi hin jiraattu. Ati ni barbaadamta; garuu siʼachi hin argamtu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 27:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 27:2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Xiiroos faarsii booʼi.
EZE 27:3 Xiiroos ishee balbala galaanaa irra jiraattu, kan uummata qarqara galaanaa hundaaf daldaltuu taate sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Yaa Xiiroos, ati, “Ani bareedinaan hirʼina hin qabu” jetta.
EZE 27:4 Daangaan kee garaa galaanaa keessa; warri si ijaaran bareedduu hirʼina hin qabne si taasisaniiru.
EZE 27:5 Isaan laaxaa doonii keetii birbirsa Seniirii dhufeen hojjetan; utubaa doonii siif tolchuufis Libaanoonii birbirsa fidan.
EZE 27:6 Qilxuu Baashaanii dhufeen batoo kee hojjetan; muka birbirsaa kan qarqara Qophiroosiitii dhufeen lafa doonii keessaa ilka arbaatiin miidhagsanii siif hojjetan.
EZE 27:7 Sharaan doonii keetii quncee talbaa kan miidhagfamee biyya Gibxii dhufe ture; innis akka faajjiitti si fayyade; haguuggiin kees bifa cuquliisaa fi diimaa dhiilgee kan qarqara Eliishaatii dhufe ture.
EZE 27:8 Mooqxonni kee namoota Siidoonaa fi Arwaadii dhufan turan; yaa Xiiroos hayyoonni kee ooftota doonii keetii turan.
EZE 27:9 Ogeeyyiin Gebaal kanneen muuxannoo guddaa qaban, qaawwa doonii keetii duuchuuf si gidduu turan. Dooniiwwan galaanaatii fi ooftonni isaanii hundi, si wajjin daldaluuf gara kee dhufu turan.
EZE 27:10 “ ‘Namoonni Faaresi, kan Luudii fi kan Fuuxii, loltummaadhaan loltoota kee gidduu tajaajilan. Isaanis si miidhagsuuf gaachanawwan isaanii fi gonfoo isaanii si keessatti fannisan.
EZE 27:11 Namoonni Arwaadii fi Heeleekii dallaa kee qixa hundaan eegan; namoonni Gamaadii gamoowwan kee keessa turan. Gaachana isaaniis naannessanii dallaa keetti fannisan; isaan bareedduu hanqina hin qabne si taasisan.
EZE 27:12 “ ‘Sababii guddina qabeenya keetiitiif Tarshiish si wajjin daldalaa turte; isaan meetii, sibiila, qorqorroo fi dilaalii fidanii si wajjin wal geeddaraa daldalaa turan.
EZE 27:13 “ ‘Giriik, Tuubaalii fi Meshek si wajjin daldalan; isaanis miʼoota gurguraa keetiin garbootaa fi miʼoota naasii geeddaru turan.
EZE 27:14 “ ‘Namoonni Beet Toogarmaa immoo fardeen feʼiisaa, fardeen lolaatii fi gaangoliidhaan miʼa kee kan daldalaa geeddaratu ture.
EZE 27:15 “ ‘Namoonni Dedaanii si wajjin daldalan; biyyoonni qarqara galaanaa baayʼeenis maamiloota kee turan; isaanis ilka arbaatii fi muka harsammeessaa siif baasan.
EZE 27:16 “ ‘Sababii ati oomisha guddaa qabduuf Sooriyaan si wajjin daldalti ture; isaanis maragdiin, uffata diimaa dhiilgeen, wayyaa faayeffameen, uffata quncee talbaa irraa hojjetame haphii isaatiin, elellaanii fi lula diimaadhaan miʼoota kee daldalaa geeddaratan.
EZE 27:17 “ ‘Yihuudaa fi Israaʼelis si wajjin daldalan; isaanis qamadii biyya Miiniiti, Maxinoo miʼaawaa, damma, zayitii fi baalmiin miʼa daldalaa kee geeddaratan.
EZE 27:18 “ ‘Sababii oomisha kee hedduutii fi qabeenya miʼa kee guddaa sanaatiif Damaasqoon daadhii wayinii Helbooniitii fi rifeensa hoolaa Zaahariitiin si wajjin daldalteerti.
EZE 27:19 Warri Daanii fi Yaawaan kanneen Oseelii dhufan miʼa daldalaa kee bitatan; isaanis sibiila baqfamee hojjetameen burgudii fi qarafaadhaan miʼoota daldalaa kee ni geeddarratu ture.
EZE 27:20 “ ‘Dedaan immoo uffata kooraa si wajjin daldalte.
EZE 27:21 “ ‘Biyyi Arabaatii fi ilmaan mootota Qeedaar hundi maamiloota kee turan. Isaanis xobbaallaa hoolaa, korbeeyyii hoolaatii fi reʼoota si wajjin daldalu turan.
EZE 27:22 “ ‘Daldaltoonni Shebaatii fi Raʼimaa si wajjin daldalaniiru; urgooftuuwwan gosa hundaa, dhagaawwan gati jabeeyyii fi warqeedhaan miʼoota daldalaa kee geeddarataniiru.
EZE 27:23 “ ‘Kaaraan, Kaneen, Eden, daldaltoonni Shebaa, Ashuurii fi Kilmaad si wajjin daldalaa turan.
EZE 27:24 Isaan iddoo gabaa keetii keessatti uffata mimmiidhagaa, uffata bifa cuquliisaa, uffata faayeffamee fi afaa halluu garaa garaa kan kirrii micciiramee jabeeffamee dhaʼameen daldalan.
EZE 27:25 “ ‘Dooniiwwan Tarshiish, miʼoota kee kan daldalaa siif feʼan. Ati walakkaa galaanaatti feʼiisa ulfaataadhaan guutamteerta.
EZE 27:26 Mooqxonni kee, gara galaana guddaatti si geessan. Bubbeen baʼa biiftuu garuu galaana walakkaatti si caccabsa.
EZE 27:27 Gaafa dooniin kee caccabutti qabeenyi kee, meeshaan keetii fi miʼi daldalaa kee, namoonni kee kanneen dooniidhaan hojjetan, ooftonni dooniitii fi warri doonii haaromsan, daldaltoonni keetii fi loltoonni kee hundi namni doonii irra jiru biraa hundi garaa galaanaa keessatti gad liqimfamu.
EZE 27:28 Yeroo ooftonni doonii keetii iyyanitti biyyoonni qarqara galaanaa ni raafamu.
EZE 27:29 Warri batoo qabatan hundi, warri doonii irra hojjetanii fi ooftonni doonii, doonii isaanii irraa buʼanii qarqara galaanaa dhaabatu.
EZE 27:30 Isaanis sagalee isaanii ol fudhatanii hiqqifatanii siif booʼu; mataa isaaniittis awwaara firfirsanii daaraa keessa gangalatu.
EZE 27:31 Waaʼee keetiifis mataa haaddatanii wayyaa gaddaa uffatu. Lubbuu isaaniitiin akka malee hiqqifatanii gadda guddaadhaan ni booʼu.
EZE 27:32 Isaanis yeroo wawwaatanii siif booʼanitti, “Kan akka Xiiroos galaanaan liqimfamee bade eenyu?” jedhanii faaruu booʼichaa siif faarsu.
EZE 27:33 Yeroo miʼi daldalaa kee galaana irra ergamutti, ati saboota hedduu quufsite; qabeenya kee guddaa fi miʼa keetiin mootota lafaa sooromsite.
EZE 27:34 Amma immoo ati galaana keessatti, tujuba bishaanii keessatti caccabdeerta; miʼoonni keetii fi miiltonni kee hundi suma wajjin liqimfamaniiru.
EZE 27:35 Warri qarqara galaanaa jiraatan hundi waaʼee keetiin rifataniiru; mootonni isaanii sodaadhaan hollatanii fuulli isaaniis naasuudhaan geeddarameera.
EZE 27:36 Daldaltoonni saboota gidduu jiran sitti siiqsu; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ ”
EZE 28:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 28:2 “Yaa ilma namaa, bulchaa Xiiroosiin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Ati of tuulummaa garaa keetiitiin, “Ani waaqa; ani handhuura galaanaa keessa, teessoo waaqaa irra nan taaʼa” jette. Qaroo akka waaqaa of seetu iyyuu, ati nama malee waaqa miti.
EZE 28:3 Ati Daaniʼel caalaa ogeessaa? Icciitiin tokko iyyuu si jalaa hin dhokatuu?
EZE 28:4 Ati ogummaa fi hubannaa keetiin qabeenya argatteerta; warqee fi meetii mankuusaa kee keessatti kuufatteerta.
EZE 28:5 Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduun qabeenya kee baayʼifatteerta; sababii qabeenya keetiitiif immoo garaan kee of tuulummaadhaan guutameera.
EZE 28:6 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Sababii ati qaroo akka waaqaa of seetuuf,
EZE 28:7 ani namoota biyya ormaa saboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida; isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifatanii ulfina kee guddaa sana balleessu.
EZE 28:8 Isaan boolla keessa si buusu; atis garaa galaanaa keessatti duʼa hamaa duuta.
EZE 28:9 Yoos ati fuula warra si ajjeesanii duratti, “Ani waaqa” ni jettaa? Ati harka warra si gorraʼanii keessatti namuma malee waaqa miti.
EZE 28:10 Ati harka namoota biyya ormaatti duʼa nama dhagna hin qabatinii duuta. Ani dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 28:11 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 28:12 “Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Ati fakkeenya guutummaa ti; ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu.
EZE 28:13 Ati iddoo biqiltuu Waaqaa, Eeden keessa turte; dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis: lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi, kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi, sanpeer, baluurii fi biiralee. Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman; isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman.
EZE 28:14 Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte; anis kanumaafan si muude. Ati tulluu Waaqaa qulqullicha sana irra jiraatte; dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite.
EZE 28:15 Ati gaafa uumamtee jalqabdee hamma gaafa hamminni si keessatti argameetti jireenyi kee hirʼina hin qabu ture.
EZE 28:16 Babalʼina daldala keetiitiin gooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette. Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa, ani tulluu Waaqaa irraa dhagaawwan ibiddaa gidduudhaa si salphisee ariʼeen si baase.
EZE 28:17 Sababii miidhagina keetiitiif, ati koorteerta; sababii ulfina keetiitiif, ogummaa kee balleessite. Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe; fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe.
EZE 28:18 Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiin iddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta. Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe; innis gubee si fixe; anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa duratti lafa irratti daaraan si taasise.
EZE 28:19 Saboonni si beekan hundinuu si arganii rifatan; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ ”
EZE 28:20 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
EZE 28:21 “Yaa ilma namaa, fuula kee Siidoonaatti garagalfadhuutii isheedhaan mormuudhaan raajii dubbadhu;
EZE 28:22 akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Yaa Siidoonaa, ani sitti kaʼeera; si keessatti ulfina nan argadha. Yeroo ani ishee adabee akka ani qulqulluu taʼe ishee keessatti of argisiisuutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 28:23 Ani dhaʼicha isheetti ergee akka daandii ishee irra dhiigni lolaʼu nan godha. Namoonni goraadee karaa hundaan ishee marseen gorraʼaman ishee keessatti ni harcaʼu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 28:24 “ ‘Sabni Israaʼel siʼachi olloota hamoo akka sokorruu nama waraananii akka qoraattii immoo nama madeessan hin qabaatu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.
EZE 28:25 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo ani mana Israaʼel saboota isaan keessa bibittinnaaʼan keessaa walitti qabutti, ani akkan isaan gidduutti qulqulluu taʼe fuula sabootaa duratti of nan argisiisa. Ergasii isaan biyya ofii isaanii kan ani garbicha koo Yaaqoobiif kenne sana keessa ni jiraatu.
EZE 28:26 Isaan nagaadhaan achi jiraatanii manneen ijaarratanii wayiniis dhaabbatu; yeroo ani olloota isaanii kanneen isaan cunqursan adabutti, isaan nagumaan jiraatu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii taʼe ni beeku.’ ”
EZE 29:1 Waggaa kurnaffaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, guyyaa kudha lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 29:2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Faraʼoon mooticha Gibxitti garagalfadhuutii isaa fi warra Gibxi hundaan mormuudhaan raajii dubbadhu.
EZE 29:3 Isatti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Ati bineensi guddichi, kan lageen kee gidduu ciiftu, yaa Faraʼoon mooticha Gibxi, ani sitti nan kaʼa. Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu ofuma kootiif isa uummate” jetta.
EZE 29:4 Ani garuu haʼoo kee keessa hokkoo kaaʼee akka qurxummiiwwan lageen keetii qola keetti maxxanan nan godha. Ani qurxummiiwwan qola keetti maxxanan hunda wajjinis lageen kee keessaa harkiseen si baasa.
EZE 29:5 Siʼii fi qurxummiiwwan lageen keetii hunda gammoojjiitti nan gata. Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; walitti hin qabamtu; hin awwaalamtus. Ani bineensota lafaatii fi allaattii samiitiif nyaata godheen si kenna.
EZE 29:6 Warri Gibxi keessa jiraatan hundis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “ ‘Ati mana Israaʼeliif ulee shambaqqoo taateerta.
EZE 29:7 Yommuu isaan harkaan si qabatanitti baqaqxee gatiittii isaanii waraante; yommuu isaan sitti irkatanittis ati caccabdee akka dugdi isaanii hollatu goote.
EZE 29:8 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani goraadee sitti fidee namoota keetii fi horii isaanii nan fixa.
EZE 29:9 Gibxi duwwaa fi ona taati; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku. “ ‘Ati, “Lagni Abbayyaa kan koo ti; anatu isa uume” jetteertaatii;
EZE 29:10 kanaafuu ani sitti kaʼeera; lageen keettis kaʼeera; biyya Gibxis Migdoolii jalqabee hamma Aswaanitti, hamma daarii Itoophiyaatti diigamtuu fi ontuu nan godha.
EZE 29:11 Miilli namaa yookaan kotteen horii karaa sana hin darbu; namni tokko iyyuu hamma waggaa afurtamaatti ishee keessa hin jiraatu.
EZE 29:12 Ani biyyoota onan gidduutti biyya Gibxi nan onsa; magaalaawwan ishees magaalaawwan diigaman gidduutti waggaa afurtama ni onu. Namoota Gibxi immoo saboota keessa nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bittinneessa.
EZE 29:13 “ ‘Ammas Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dhuma waggaa afurtamaatti ani namoota Gibxi saboota isaan itti bittinneeffaman keessaa walitti nan qaba.
EZE 29:14 Ani boojuudhaa isaan deebisee Phaxroos biyya abbootii isaaniitti isaan nan galcha. Achittis isaan mootummaa gad aanaa ni taʼu.
EZE 29:15 Isheenis mootummoota keessaa gad aantuu ni taati; deebitees saboota kaaniin olitti gonkumaa ol of hin kaaftu. Anis akka isheen lammata saboota kaan hin bulchineef ishee nan dadhabsiisa.
EZE 29:16 Biyyi Gibxi siʼachi uummata Israaʼeliif irkoo hin taatu; yoo isaan gargaarsaaf gara isheetti deebiʼan garuu isheen yaadannoo cubbuu isaanii taati. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.’ ”
EZE 29:17 Waggaa digdamii torbaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 29:18 “Yaa ilma namaa, Nebukadnezar mootiin Baabilon duula jabaadhaan loltoota isaa Xiiroositti kaaseera; mataan nama hundaa molaaʼeera; gatiittiin nama hundaas luqqaʼeera. Taʼus innii fi loltoonni isaa duula jabaa Xiiroositti kaasaniin buʼaa tokko illee hin arganne.
EZE 29:19 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani biyya Gibxi Nebukadnezar mootii Baabiloniif nan kenna; innis ishee boojiʼee qabeenya ishee saama. Kunis mindaa loltoota isaa taʼa.
EZE 29:20 Ani Gibxiin gatii dadhabbii isaa godhee isaaf kenneera; innii fi loltoonni isaa waan kana anaaf hojjetaniiruutii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 29:21 “Ani Guyyaa sana akka manni Israaʼel gaanfa baasu nan godha; isaan gidduuttis afaan kee nan saaqa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
EZE 30:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 30:2 “Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Wawwaadhuutii akkana jedhi; “Guyyaa sanaaf wayyoo!”
EZE 30:3 Guyyaan sun dhiʼoo dha; Guyyaan Waaqayyoo dhiʼoo dha; innis guyyaa duumessaa, sabootaaf immoo yeroo badiisaa ni taʼa.
EZE 30:4 Gibxitti goraadeen ni dhufa; Itoophiyaatti immoo dhiphinni ni dhufa. Yommuu warri qalaman Gibxi keessatti kukkufanitti, qabeenyi ishee saamamee fudhatama; hundeewwan ishee immoo ni diigamu.
EZE 30:5 Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu.
EZE 30:6 “ ‘Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Tumsitoonni Gibxi ni kufu; humni isheen ittiin boontu ni dadhaba. Migdoolii hamma Aswaanitti, isaan ishee keessatti goraadeedhaan ni dhumu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 30:7 Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu; magaalaawwan isaaniis magaalaawwan diigaman gidduutti argamu.
EZE 30:8 Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee warri ishee gargaaran hundi barbadaaʼanitti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 30:9 “ ‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii.
EZE 30:10 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Ani harka Nebukadnezar mooticha Baabiloniin namoota Gibxi hedduu nan barbadeessa.
EZE 30:11 Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa akka malee hamoo taʼan, akka biyyattii balleessaniif ni fidamu. Isaanis goraadee isaanii Gibxitti luqqifatanii reeffaan biyyattii guutu.
EZE 30:12 Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa; biyyattiis namoota hamootti nan gurgura; harka alagootaatiin biyyattii fi waan ishee keessa jiru hunda nan onsa. Ani Waaqayyo dubbadheera.
EZE 30:13 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Ani waaqota tolfamoo nan balleessa; fakkiiwwan Memfiis keessa jiranis nan facaasa. Siʼachi Gibxi keessatti bulchaan hin argamu; biyyattii guutuu keessas sodaa nan buusa.
EZE 30:14 Phaxroosin nan onsa; Zooʼaanitti ibidda nan qabsiisa; Tebesiin immoo nan adaba.
EZE 30:15 Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis Siin irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa; uummata Tebesi hedduu sana illee nan balleessa.
EZE 30:16 Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa; Siin dhiphinaan raafamti. Tebesi dambaliidhaan ni fudhatamti; Memfiis dhiphina wal irraa hin cinneen ni dhiphatti.
EZE 30:17 Dargaggoonni Aawwenii fi Phii-Beseti goraadeedhaan dhumu; magaalaawwan mataan isaanii iyyuu ni boojiʼamu.
EZE 30:18 Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti, Tahiphaanheesitti guyyaan ni dukkanaaʼa; humni isheen ittiin boontus ni laafa. Isheen hurriidhaan haguugamti; gandoonni ishee immoo ni boojiʼamu.
EZE 30:19 Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”
EZE 30:20 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 30:21 “Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne.
EZE 30:22 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha.
EZE 30:23 Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa.
EZE 30:24 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada.
EZE 30:25 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 30:26 Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
EZE 31:1 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 31:2 “Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi: “ ‘Surraadhaan eenyutu siin qixxaata?
EZE 31:3 Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon kan dameewwan mimmiidhagoo qabuu fi bosonaaf gaaddisa taʼee akka malee ol dheeraa fi kan fiixeen isaa duumessa tuqe ture.
EZE 31:4 Bishaan isa biqilche; burqaawwan gad fagoon immoo isa guddise; lageen isaanii hidda isaa hunda marsanii yaaʼanii bishaan isaanii gara mukkeen bosonaa hundaatti ergu.
EZE 31:5 Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti akka malee ol dheerate; lataan isaa ni baayʼate; dameen isaas ni guddate; inni bishaan baayʼee argatee babalʼateeraatii.
EZE 31:6 Simbirroonni samii hundi damee isaa irratti manʼee ijaarratan; bineensonni dirree hundi damee isaa jalatti dhalan; saboonni gurguddaan hundinuus, gaaddisa isaa jala jiraatan.
EZE 31:7 Inni sababii hidda isaa gara bishaan baayʼeetti gad fageeffateef, dameewwan isaa kanneen babalʼatan wajjin akka malee miidhagaa ture.
EZE 31:8 Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran isa gituu hin dandeenye; yookaan mukkeen birbirsaa dameewwan isaatiin hin qixxaatan; mukni waddeessaas dameewwan isaatiin hin qixxaatu; mukni iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiru tokko iyyuu miidhagina isaatiin wal bira hin qabamu.
EZE 31:9 Ani dameewwan baayʼeedhaan isa nan miidhagse; mukkeen Eeden kanneen iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran hundi isatti hinaafan.
EZE 31:10 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef,
EZE 31:11 akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate;
EZE 31:12 alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman.
EZE 31:13 Simbirroonni samii hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan.
EZE 31:14 Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera.
EZE 31:15 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni awwaalametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan.
EZE 31:16 Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee awwaala keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman.
EZE 31:17 Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin awwaala keessa buʼan.
EZE 31:18 “ ‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta. “ ‘Kun Faraʼoonii fi waldaa uummata isaa hunda, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 32:1 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 32:2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi: “ ‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti; galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti; ati lageen borcita; miilla keetiin bishaan ni booressita; lageenis ni dhoqqeessita.
EZE 32:3 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “ ‘Gumii namoota baayʼee keessatti ani kiyyoo koo sitti nan darbadha; isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu.
EZE 32:4 Ani lafatti sin gata; bakkeettis sin darbadha. Akka simbirroonni samii hundi sirra qubatan, akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha.
EZE 32:5 Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa; raqa keetiinis sululawwan nan guuta.
EZE 32:6 Hamma tulluuwwan bira gaʼutti dhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta; sululawwanis foon keetiin ni guutamu.
EZE 32:7 Ani yommuun si balleessutti samiiwwan nan haguuga; urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa; aduu duumessaan nan haguuga; jiʼis ifa isaa hin kennu.
EZE 32:8 Ifawwan calaqqisoo samii irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa; ani biyya kee irra dukkana nan buusa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 32:9 Ani yeroon boojuu godhee saboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si ergutti garaa saboota hedduu nan dhiphisa.
EZE 32:10 Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti akka namoonni hedduun si arganii naʼan, akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha. Guyyaa kufaatii keetii tokkoon tokkoon isaanii yeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru.
EZE 32:11 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “ ‘Goraadeen mootii Baabilon sitti dhufa.
EZE 32:12 Ani akka namoonni kee hedduun goraadee namoota jajjabootiin jechuunis kanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin dhuman nan godha. Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu; waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu.
EZE 32:13 Bishaanota baayʼee biraa loon ishee hunda nan fixa; siʼachi miilli namaa hin booressu yookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu.
EZE 32:14 Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu, lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 32:15 Gaafa ani biyya Gibxi onsee biyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti, yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
EZE 32:16 “Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 32:17 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 32:18 “Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu.
EZE 32:19 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’
EZE 32:20 Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu.
EZE 32:21 Hooggantoonni jajjaboon awwaala keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu.
EZE 32:22 “Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis awwaala namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti.
EZE 32:23 Awwaalli isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo awwaala ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.
EZE 32:24 “Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaalaa ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru.
EZE 32:25 Waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.
EZE 32:26 “Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha.
EZE 32:27 Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin awwaalaman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe.
EZE 32:28 “Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.
EZE 32:29 “Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.
EZE 32:30 “Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.
EZE 32:31 “Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 32:32 Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 33:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 33:2 “Yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitti dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Yeroo ani biyya tokkotti goraadee fidutti, sabni biyya sanaa namoota isaa keessaa nama tokko filatee eegduu isa godhatee,
EZE 33:3 eegduun sun goraadee biyyattiitti dhufaa jiru argee uummata akeekkachiisuuf malakata yeroo afuufutti,
EZE 33:4 yoo namni kam iyyuu sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa sana fudhachuu didee goraadeen sun dhufee lubbuu isaa galaafate, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa.
EZE 33:5 Inni sagalee malakataa dhagaʼee garuu akeekkachiisa waan hin fudhatiniif dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa. Inni utuu akeekkachiisa sana fudhatee jiraatee silaa of baasa ture.
EZE 33:6 Garuu yoo eegduun sun goraadee dhufaa jiru argee namoota akeekkachiisuuf malakata afuufuu baatee goraadeen sun dhufee isaan keessaa lubbuu nama tokkoo galaafate, namichi sun sababii cubbuu isaatiif ajjeefama; eegduu sana garuu sababii dhiiga nama sanaatiif nan gaafadha.’
EZE 33:7 “Yaa ilma namaa, ani mana Israaʼeliitiif eegduu si godheera; kanaafuu dubbii ani dubbadhu dhagaʼiitii akeekkachiisa na biraa baʼu isaaniif kenni.
EZE 33:8 Yeroo ani nama hamaa tokkoon, ‘Yaa namicha hamaa nana, ati dhugumaan ni duuta’ jedhutti, yoo ati akka inni qalbii jijjiirratu akeekkachiisuu baatte namichi hamaan sun cubbuu isaatiin ni duʼa; dhiiga isaa garuu ani harka kee irraa nan barbaada.
EZE 33:9 Garuu yoo ati nama hamaa sana akka inni karaa isaa irraa deebiʼu akeekkachiiftee inni immoo deebiʼuu baate, inni cubbuu isaatiin ni duʼa; ati garuu lubbuu kee oolfatteerta.
EZE 33:10 “Yaa ilma namaa, mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin akkana jettu: “Yakkii fi cubbuun keenya nutti ulfaateera; nuus sababii kanaaf nyaatamnee dhumne. Yoos akkamiin jiraachuu dandeenya ree?” ’
EZE 33:11 Akkana isaaniin jedhi; ‘Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe, ani akka namoonni hamoon karaa isaanii irraa deebiʼanii jiraatan malee duʼa isaaniitti hin gammadu, jedha Waaqayyo Gooftaan. Deebiʼaa! Karaa keessan hamaa sana irraa deebiʼaa! Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?’
EZE 33:12 “Kanaafuu yaa ilma namaa, namoota biyya keetiitiin akkana jedhi; ‘Qajeelummaan nama qajeelaa yommuu inni ajajamuu didutti isa hin baasu; hamminni nama hamaas yommuu inni hammina isaa irraa deebiʼutti isa hin balleessu. Namni qajeelaan yoo cubbuu hojjete sababii qajeelummaa isaa duraatiif lubbuudhaan hin jiraatu.’
EZE 33:13 Yoo ani nama qajeelaa tokko akka inni dhugumaan jiraatu itti himee, inni garuu qajeelummaa isaa amanatee cubbuu hojjete, waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu hin yaadatamu; inni cubbuu hojjete sanaan ni duʼa.
EZE 33:14 Yoo ani nama cubbamaa tokkoon, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ jedhee inni garuu cubbuu isaa irraa deebiʼee waan sirrii fi waan qajeelaa hojjete jechuunis,
EZE 33:15 inni yoo qabdii waan liqeesse tokkoof fudhate deebise, yoo waan hate deebise, yoo seera jireenya namaaf kennu duukaa buʼee hammina hojjechuu baate, inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.
EZE 33:16 Cubbuu namichi sun hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Inni waan sirrii fi qajeelaa hojjeteeraatii, dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.
EZE 33:17 “Taʼus namoonni biyya keetii, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedhu. Garuu karaan qajeelaa hin taʼin kanuma isaanii ti.
EZE 33:18 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee hammina hojjete, inni hammina sanaan ni duʼa.
EZE 33:19 Namni hamaan tokko immoo yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete, inni waan kana hojjechuu isaatiin ni jiraata.
EZE 33:20 Taʼu illee yaa mana Israaʼel isin, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Ani garuu hunda keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura.”
EZE 33:21 Waggaa kudha lammaffaa boojiʼamuu keenyaatti, jiʼa kurnaffaa keessa, bultii shanaffaatti, namichi Yerusaalemii baqatee baʼe tokko gara koo dhufee, “Magaalattiin kufteerti!” jedhe.
EZE 33:22 Galgala dhufaatii namichaatiin duraa sana harki Waaqayyoo narra ture; utuu namichi ganamaan gara koo hin dhufinis Waaqni afaan koo bane. Afaan koo banameeraatii ani lammata hin calʼisne.
EZE 33:23 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 33:24 “Yaa ilma namaa, namoonni diigama biyya Israaʼel keessa jiru keessa jiraatan akkana jedhu; ‘Abrahaam namuma tokko ture; taʼus inni biyyattii dhaale. Nu garuu baayʼee dha; biyyattiinis dhugumaan akka nu dhaalluuf nuu kennamteerti.’
EZE 33:25 Kanaafuu akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin foon utuma dhiigni keessa jiruu nyaattu; waaqota keessan tolfamoo abdattu; dhiiga namaas dhangalaaftu; yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?
EZE 33:26 Isin goraadee keessan abdattu; waan jibbisiisaa hojjettu; tokkoon tokkoon keessan niitii ollaa keessanii xureessitu. Yoos isin biyyattii dhaaluu qabduu?’
EZE 33:27 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, warri diigama keessatti hafan goraadeedhaan dhumu; warra baadiyyaa keessa jiran akka isaan nyaatamaniif bineensatti dabarsee nan kenna; warri daʼannoo fi holqa keessa jiraatan immoo dhaʼichaan ni dhumu.
EZE 33:28 Ani biyyattii onsee duwwaa nan hambisa; humni isheen ittiin of jajjus ni dhuma; gaarran Israaʼelis akka namni tokko iyyuu irra hin qaxxaamurreef qullaa hafu.
EZE 33:29 Yeroo ani sababii wantoota jibbisiisoo isaan hojjetan hundaatiif biyyattii onsee duwwaa hambisutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
EZE 33:30 “Waaʼee kee immoo yaa ilma namaa, namoonni biyya keetii keenyan manaa birattii fi balbala duratti waaʼee kee dubbachaa, ‘Kottaa dhaqnee ergaa Waaqayyo biraa dhufe dhageenyaa’ waliin jedhu.
EZE 33:31 Sabni koo akkuma yeroo kaaniitti gara kee dhufanii dubbii kee dhagaʼuudhaaf fuula kee dura tataaʼu; isaan garuu waan sana hojiidhaan hin argisiisan. Isaan afaan isaaniitiin jaalala guddaa dubbatu; garaan isaanii garuu buʼaa hin malle argachuuf gaggaba.
EZE 33:32 Dhugumaan ati isaaniif nama sagalee gaariidhaan sirba jaalalaa sirbee meeshaa sirbaa taphatu irra hin jirtuutii; isaan dubbii kee ni dhagaʼu malee hojiidhaan hin argisiisaniitii.
EZE 33:33 “Yeroo wanni kun taʼutti, dhugumaan ni taʼaatii isaan gaafas akka raajiin gidduu isaanii ture ni beeku.”
EZE 34:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 34:2 “Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii?
EZE 34:3 Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan.
EZE 34:4 Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju.
EZE 34:5 Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan.
EZE 34:6 Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre.
EZE 34:7 “ ‘Kanaafuu isin tiksoonni, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:
EZE 34:8 Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; sababii bushaayeen koo tiksoota dhabanii akkasiin saamamanii bineensa bosonaatiif nyaata taʼaniif, sababii tiksoonni koo bushaayee koo barbaaduu didanii qooda bushaayee ofuma isaanii sooraniif
EZE 34:9 yaa tiksoota, kanaafuu isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:
EZE 34:10 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani tiksootatti nan kaʼa; bushaayee koos harka isaanii irraa nan barbaada. Akka tiksoonni siʼachi of hin soorreef bushaayee tiksuu irraa isaan nan ariʼa. Ani bushaayee koo afaan isaaniitii nan buusa; isaanis siʼachi soora isaanii hin taʼan.
EZE 34:11 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas.
EZE 34:12 Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha.
EZE 34:13 Anis saboota keessaa isaan baasee biyyoota keessaa immoo walitti isaan nan qaba; biyya isaaniittis isaan nan deebisa. Ani gaarran Israaʼel irra, qarqara burqaawwaniitii fi lafa namni jiraatu kan biyya sana keessaa hunda isaan nan tikfadha.
EZE 34:14 Ani marga gaarii keessa isaan nan tiksa; tulluun Israaʼelis iddoo dheeda isaanii taʼa. Isaan achitti lafa dheedaa tolaa isaa irra ciciisu; marga misaa tulluuwwan Israaʼel irraas ni dheedu.
EZE 34:15 Ani mataan koo hoolota koo nan tikfadha; akka isaan boqotanis nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 34:16 Kanneen badan nan barbaada; kanneen miliqan deebisee nan galcha. Kan cabe nan hidha; kan dadhabe illee nan jajjabeessa; gabbataa fi jabaa isaa immoo nan balleessa. Ani murtii qajeelaadhaan bushaayee nan tikfadha.
EZE 34:17 “ ‘Isin garuu yaa bushaayee ko, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti, korbeessa hoolaatii fi korbeessa reʼee gidduutti murtii nan kenna.
EZE 34:18 Marga misaa keessa dheeduun keessan isin hin gaʼuu? Isin marga keessan kan hafe lafatti dhidhiituu qabduu? Bishaan qulqulluu dhuguun isinitti xinnaatee? Bishaan hafe immoo miilla keessaniin booressuu qabduu?
EZE 34:19 Bushaayeen koo waan isin lafatti dhidhiittan soorachuu, waan isin miilla keessaniin dhoqqeessitan immoo dhuguu qabuu?
EZE 34:20 “ ‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana isaaniin jedha: Kunoo, ani mataan koo hoolaa gabbatee fi hoolaa huqqate gidduutti murtii nan kenna.
EZE 34:21 Sababii isin hoolota dadadhaboo hunda cinaachaa fi gatiittii keessaniin dhiibdanii, gaanfa keessaniin immoo jifattanii alatti baaftaniif,
EZE 34:22 ani bushaayee koo nan oolfadha; isaanis siʼachi hin saamaman. Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti murtii nan kenna.
EZE 34:23 Ani tiksee tokko jechuunis garbicha koo Daawitiin isaanittan ramada; inni isaan eega; tiksee isaaniis ni taʼa.
EZE 34:24 Ani Waaqayyo Waaqa isaanii nan taʼa; Daawit garbichi koo immoo gidduu isaaniitti bulchaa ni taʼa. Ani Waaqayyo waan kana dubbadheera.
EZE 34:25 “ ‘Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan gala; akka isaan gammoojjii keessa jiraatanii bosona keessa nagaan ciciisaniif bineensota hamoo biyyattii keessaa nan baasa.
EZE 34:26 Ani isaanii fi iddoowwan tulluu koo marsanii jiran nan eebbisa. Bokkaas yeroo isaatti nan roobsa; roobni sunis rooba eebbaa ni taʼa.
EZE 34:27 Mukkeen bakkee ija naqatu; laftis midhaan ni baafti; namoonni biyya isaanii keessatti tasgabbiin ni jiraatu. Yeroo ani danqaraa waanjoo isaanii cabsee harka warra isaan garboomfataniitii isaan baasutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 34:28 Isaan siʼachi sabootaan hin saamaman yookaan bineensota bosonaatiin hin nyaataman. Nagaadhaan jiraatu; wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
EZE 34:29 Ani lafa midhaan baasuudhaan beekame isaaniif nan kenna; isaan biyyattii keessatti siʼachi beelaan hin miidhaman yookaan sabootaaf waan kolfaa hin taʼan.
EZE 34:30 Yommus akka ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan wajjin jiruu fi akka manni Israaʼel saba koo taʼe isaan ni beeku, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 34:31 Isin hoolonni koo, hoolonni tika koo namoota; anis Waaqa keessan, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 35:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 35:2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Tulluu Seeʼiiritti deebifadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhu;
EZE 35:3 akkanas jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Tulluu Seeʼiir ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti hiixadhee onaa fi gatamaa sin godha.
EZE 35:4 Ani magaalaawwan kee nan diiga; atis ni onta. Ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.
EZE 35:5 “ ‘Ati sababii haaloo diinummaa durii garaatti qabatteef bara rakkina isaanii keessa jechuunis yeroo adabbiin isaanii dhuma irra gaʼetti Israaʼeloota dabarsitee goraadeetti kennite;
EZE 35:6 kanaafuu ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani dhiiga dhangalaasuutti dabarsee sin kenna; ati dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu. Ati waan dhiiga dhangalaasuu hin jibbineef dhiiga dhangalaasuu jalaa hin baatu.
EZE 35:7 Ani Tulluu Seeʼiir onsee duwwaa nan hambisa; warra dhaquu fi deebiʼu achi irraa nan kuta.
EZE 35:8 Ani tulluuwwan kee reeffaan nan guuta; warri goraadeedhaan ajjeefamanis gaarran kee irra, sululawwan kee keessaa fi lageen kee hunda keessa ni ciciisu.
EZE 35:9 Ani bara baraan sin onsa; magaalaawwan kees lafa jireenyaa hin taʼan. Ergasii akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 35:10 “ ‘Sababii ati, “Waaqayyo achi jiraatu iyyuu, saboonni lamaan kunneenii fi biyyoonni lamaan kunneen kan koo ni taʼu; nus isaan dhuunfanna” jetteef,
EZE 35:11 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; kanaafuu ani akkuma ati aarii fi hinaaffaa jibba isaaniif qabduun argisiifte sanaatti gatii kee siif nan kenna; anis yeroon sitti murteessutti isaan gidduutti of nan beeksisa.
EZE 35:12 Ergasiis akka ani Waaqayyo wantoota ati tulluuwwan Israaʼelitti, “Isaan onanii duwwaa hafaniiru; akka nu nyaannuufis nuu kennamaniiru” jettee tuffiin dubbatte hunda dhagaʼee jiru ni beekta.
EZE 35:13 Ati afaan keetiin natti of jajjee oduu natti baayʼifteerta; anis waan kana dhagaʼeera.
EZE 35:14 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu guutummaan lafaa gammadutti ani sin onsa.
EZE 35:15 Sababii ati yeroo dhaalli mana Israaʼel onetti gammaddeef ani akkana sin godha. Yaa Tulluu Seeʼiir ati ni onta; atii fi guutummaan Edoom ni ontu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’ ”
EZE 36:1 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii tulluuwwan Israaʼeliitiif raaji; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
EZE 36:2 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Diinni waaʼee keessan, “Ishoo! Iddoowwan ol kaʼoon durii dhuunfaa keenya taʼaniiru” jedhe.’
EZE 36:3 Kanaafuu raajiitii akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii isaan qixa hundaan marsanii isin waraananiif, isin saboota kaaniif dhuunfaa taatan; namootaafis waan mammaaksaatii fi waan qoosaa taatan;
EZE 36:4 kanaafuu yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa: Waaqayyo Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin, onawwan diigamanii fi magaalaawwan duwwaa hafan kanneen saboota naannoo keessan jiraniin saamamanii waan qoosaa taʼaniin akkana jedha:
EZE 36:5 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani aarii koo kan bobaʼu sanaan saboota hafanii fi Edoom hunda irratti dubbadheera; isaan gammachuu fi tuffii garaadhaa qabaniin lafa dheeda ishee saamuuf jedhanii biyya koo handhuuraa ofii isaanii godhatan.’
EZE 36:6 Kanaafuu waaʼee biyya Israaʼeliif raajii dubbadhuutii tulluuwwanii fi gaarraniin, lageenii fi sululawwaniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii isin sabootaan tuffatamtaniif, ani hinaaffaa dheekkamsa kootiitiin nan dubbadha.
EZE 36:7 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akka saboonni naannoo keessan jiraatani tuffatamaniif harka koo ol qabadhee nan kakadha.
EZE 36:8 “ ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, isin garuu saba koo Israaʼeliif dameewwanii fi ijawwan naqattu; isaan dhiʼeenyatti biyyatti ni deebiʼuutii.
EZE 36:9 Ani isiniif nan yaada; gara laafinaanis isinan ilaala; isin ni qotamtu; sanyiinis isinitti facaafama;
EZE 36:10 ani lakkoobsa uummataa kan guutummaa mana Israaʼel nan baayʼisa. Magaalaawwan namaan ni guutamu; wanni diigames deebiʼee ni ijaarama.
EZE 36:11 Ani lakkoobsa namootaatii fi horii irratti nan dabala; isaanis wal horanii baayʼatu. Ani akkuma bara durii sana namoota isin irra qubachiisee kan durii caalaa isinan sooromsa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 36:12 Ani akka namoonni jechuunis sabni koo Israaʼel isin irra deemu nan godha. Isaan isin dhuunfatu; isinis dhaala isaanii ni taatu; lammatas warra ijoollee hin qabne isaan hin gootan.
EZE 36:13 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namoonni, “Ati nama nyaatta; saba kees ijoollee malee hambifta” siin jedhu;
EZE 36:14 ati garuu siʼachi nama hin nyaattu yookaan saba kee ijoollee malee hin hambiftu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 36:15 Ani siʼachi akka ati doorsisa sabootaa dhageessu hin godhu; siʼachi ati tuffii namootaatiin hin dhiphattu yookaan akka sabni kee gufatu hin gootu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’ ”
EZE 36:16 Ammas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 36:17 “Yaa ilma namaa, namoonni Israaʼel yeroo biyya isaanii keessa jiraachaa turanitti amala isaaniitii fi hojii isaaniitiin biyyattii xureessan. Amalli isaanii fuula koo duratti akkuma laguu dubartii kan jiʼa jiʼaan itti dhufu sanaa ture.
EZE 36:18 Sababii isaan biyyaattii keessatti dhiiga dhangalaasanii fi sababii waaqota isaanii tolfamoodhaan biyyattii xureessaniif, ani dheekkamsa koo isaanitti nan roobse.
EZE 36:19 Ani saboota keessa isaan nan faffacaase; isaanis biyyoota keessa bittinnaaʼan; ani akkuma amala isaaniitii fi hojii isaaniitti isaanitti nan mure.
EZE 36:20 Iddoo dhaqan hundatti saboota keessatti maqaa koo qulqulluu sana xureessan; waaʼee isaanii, ‘Jarri kun saba Waaqayyoo ti; isaan garuu biyya isaatii baʼaniiru’ jedhameeraatii.
EZE 36:21 Ani maqaa koo qulqulluu manni Israaʼel iddoo dhaqan hundatti saboota gidduutti xureessan sanaaf yaadeera.
EZE 36:22 “Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, ani waaʼee maqaa koo qulqulluu isin iddoo dhaqxanitti saboota gidduutti xureessitan sanaatiif malee isiniif jedhee wantoota kanneen hin godhu.
EZE 36:23 Ani qulqullina maqaa koo guddichaa kan saboota gidduutti xuraaʼe kan isin saboota gidduutti xureessitan sana nan argisiisa. Yommuu ani karaa keessaniin fuula isaanii duratti qulqulluu taʼuu koo argisiisutti akka ani Waaqayyo taʼe saboonni ni beeku, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 36:24 “ ‘Ani saboota keessaa isinan baafadhaatii; ani biyyoota keessaa walitti isin qabee biyya keessanitti deebisee isinan fida.
EZE 36:25 Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa.
EZE 36:26 Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.
EZE 36:27 Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa.
EZE 36:28 Isin biyya ani abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu; isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.
EZE 36:29 Ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa isinan qulqulleessa. Ani midhaan nan waama; nan baayʼisas; beelas isinitti hin fidu.
EZE 36:30 Akka isin siʼachi sababii beelaatiin fuula sabootaa duratti hin salphanneef, ija mukkeeniitii fi midhaan lafa qotiisaa nan baayʼisa.
EZE 36:31 Ergasiis karaa hammina keessaniitii fi hojii jalʼina keessanii ni yaadattu; sababii cubbuu keessaniitii fi hojii keessan jibbisiisaa sanaatiifis of balfitu.
EZE 36:32 Akka ani waan kana isiniif jedhee hin hojjetin akka beektan nan barbaada, jedha Waaqayyo Gooftaan. Yaa mana Israaʼel, waaʼee amala keessaniitiif qaanaʼaa; saalfadhaas!
EZE 36:33 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan cubbuu keessan hunda irraa isin qulqulleessutti, akka magaalaawwan keessan deebiʼanii lafa jireenyaa taʼa nan godha; kanneen diigamanis deebiʼanii ijaaramu.
EZE 36:34 Lafti onee ture qooda fuula namoota karaa sanaan darban hunda duratti onee hafu ni qotama.
EZE 36:35 Isaan, “Lafti ona ture kun akka lafa biqiltuu Eeden taʼeera; magaalaawwan diigamanii, onanii barbadaaʼanis amma dallaan itti ijaaramee namaan guutamaniiru” jedhu.
EZE 36:36 Ergasii namoonni hafan kanneen naannoo kee jiraatan akka ani Waaqayyo waan barbadaaʼe deebisee ijaaree waan ones deebisee dhaabe ni beeku. Ani Waaqayyo dubbadheera; nan raawwadhas.’
EZE 36:37 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ammas kadhannaa mana Israaʼel dhagaʼee waan kana isaaniif nan godha: Namoota isaanii akkuma hoolotaa nan baayʼisa;
EZE 36:38 akkuma bushaayee yeroo ayyaanaa Yerusaalem keessatti aarsaaf dhiʼeeffamaniitti nan baayʼisa. Kanaafuu magaalaawwan diigamanii turan waldaa namootaatiin ni guutamu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
EZE 37:1 Harki Waaqayyoo narra ture; innis Hafuura Waaqayyootiin na fuudhee, walakkaa sululaa na dhaabe; sululli sunis lafeewwaniin guutamee ture.
EZE 37:2 Isaan gidduus asii fi achi na deddeebise; anis lafeewwan akka malee baayʼee kanneen akka malee goggogan lafa sululaa irratti nan arge.
EZE 37:3 Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen jiraachuu dandaʼuu?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, si qofatu beeka” nan jedhe.
EZE 37:4 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Lafeewwan kanneenitti raajiitii akkana jedhiin; ‘Yaa lafeewwan goggogoo, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa!
EZE 37:5 Waaqayyo Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu.
EZE 37:6 Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’ ”
EZE 37:7 Kanaafuu ani akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Utuma ani raajii dubbachaa jiruus sagaleen tokko dhagaʼame; lafeewwanis walitti dhufan; lafeenis lafeetti maxxane.
EZE 37:8 Yeroo ani isaan ilaaletti, kunoo ribuun isaanitti baʼee ture; foonis isaan irra ture; gogaas uffatanii turan; hafuurri garuu isaan keessa hin jiru ture.
EZE 37:9 Ergasii inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, bubbeetti raajii dubbadhu; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bubbee, bubbeewwan afran irraa kottu; akka isaan lubbuudhaan jiraataniif warra gorraʼaman kanneenitti bubbisi.’ ”
EZE 37:10 Kanaafuu ani akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti gale; isaanis lubbuu horatanii miilla isaaniitiin kaʼanii dhadhaabatan; isaanis raayyaa guddaa turan.
EZE 37:11 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen guutummaa mana Israaʼeli. Jarris, ‘Lafeewwan keenya goggoganiiru; nu abdii hin qabnu; cinneerras’ jedhu.
EZE 37:12 Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani awwaala kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida.
EZE 37:13 Isinis yaa saba ko, yeroo ani awwaala keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
EZE 37:14 Ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan jiraattu; ani biyyuma keessan keessa isinan qubachiisa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo dubbadhee hojjedhe ni beektu, jedha Waaqayyo.’ ”
EZE 37:15 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
EZE 37:16 “Yaa ilma namaa, ulee mukaa tokko fuudhiitii, ‘Kan Yihuudaatii fi kan Israaʼeloota isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. Ulee mukaa kan biraas fuudhiitii, ‘Ulee Efreem, kan Yoosefii fi kan guutummaa mana Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi.
EZE 37:17 Akka isaan harka kee keessatti tokko taʼaniif uleewwan sana walitti qabsiis.
EZE 37:18 “Yommuu namoonni biyya keetii, ‘Kun maal jechuu kee akka taʼe nutti hin himtuu?’ jedhanii si gaafatanitti,
EZE 37:19 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ulee Yoosef kan harka Efreem jiru kan gosoota Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii, ulee Yihuudaa wajjin walitti qabsiisee ulee mukaa tokko nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.’
EZE 37:20 Fuula isaanii durattis uleewwan isaan irratti barreessite sana harkatti qabadhuutii
EZE 37:21 akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota isaan keessa turan keessaa Israaʼeloota nan baasa. Qixa hundaa walitti isaan qabee biyya isaaniitti isaan nan galcha.
EZE 37:22 Ani tulluuwwan Israaʼel irratti, biyyattii keessatti saba tokko isaan nan godha. Isaan hunda irratti mootii tokkotu moʼa; isaanis gonkumaa deebiʼanii saboota lama hin taʼan yookaan mootummaan isaanii iddoo lamatti hin qoodamu.
EZE 37:23 Isaan siʼachi waaqota isaanii tolfamoodhaa fi fakkiiwwan faayidaa hin qabneen yookaan balleessaa isaanii kamiin iyyuu of hin xureessan; ani cubbuudhaan dugda duubatti mucucaachuu isaanii hunda irraa deebisee isaan nan qulqulleessaatii. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
EZE 37:24 “ ‘Daawit garbichi koo isaan irratti mootii ni taʼa; isaan hundis tiksitee tokko ni qabaatu. Isaan seera koo duukaa ni buʼu; sirna koos of eeggannaadhaan ni eegu.
EZE 37:25 Isaan biyya abbootiin keessan jiraatan, biyya ani Yaaqoobiif kenne keessa ni jiraatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi ni jiraatu; Daawit garbichi koos bara baraan bulchaa isaanii ni taʼa.
EZE 37:26 Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan seena; kakuun kunis kakuu bara baraa ni taʼa. Ani jabeessee isaan nan dhaaba; lakkoobsa isaaniis nan baayʼisa; gidduu isaaniittis iddoo qulqulluu koo bara baraan nan dhaaba.
EZE 37:27 Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
EZE 37:28 Ergasii yommuu iddoon qulqulluun koo bara baraan isaan gidduu jiraatutti, akka ani Waaqayyo Israaʼelin qulqulleessu saboonni ni beeku.’ ”
EZE 38:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
EZE 38:2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaalii kan biyya Maagoogitti garagalfadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhuutii
EZE 38:3 akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal, ani sitti kaʼa.
EZE 38:4 Ani duubatti sin deebisa; haʼoo kee keessa hokkoo galchee loltoota kee hunda wajjin, fardeen kee, abbootii fardeenii kee kanneen hidhata waraanaa guutuu hidhatan, waldaa guddaa kanneen gaachana gurguddaa fi xixiqqaa qabatanii fi kanneen hundi isaanii goraadee qabatan wajjin sin baasa.
EZE 38:5 Faaresi, Itoophiyaa fi Fuuxi kanneen hundi isaanii gaachanaa fi gonfoo sibiilaa qabatan isaan wajjin taʼu;
EZE 38:6 akkasumas Goomer loltoota ishee hunda wajjin, kaaba fagootii Beet Toogarmaa loltoota ishee hunda wajjin, saboota hedduus sitti dabalee nan baasa.
EZE 38:7 “ ‘Qophaaʼi; atii fi waldaan si biratti walitti qabame hundi qophaaʼaa; ajajaa isaaniis taʼi.
EZE 38:8 Guyyaa hedduu booddee ati lolaaf ni waamamta. Waggoota fuula duraa keessa ati biyyattii lola irraa dandamatte, kan namoonni ishee saboota baayʼee keessaa tulluuwwan Israaʼel irratti walitti qabaman, kan bara dheeraaf ontee turte sana ni weerarta Isaan saboota keessaa baafamaniiru; amma hundi isaanii nagaadhaan jiraatu.
EZE 38:9 Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni baayʼeen si wajjin jiranis akka bubbee ol ni baatu; ati akka duumessa biyyattii haguuguu ni taata.
EZE 38:10 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yaadni sammuu keetti ni dhufa; atis hammina ni malatta
EZE 38:11 Ati akkana jetta; “Ani biyya gandoonni ishee dallaa hin qabne tokko nan weerara; ani namoota nagaa fi tasgabbiidhaan jiraatan jechuunis warra dallaa, balbalaa fi danqaraawwan hin qabne hunda nan dhaʼa.
EZE 38:12 Ani nan boojiʼa; nan saamas; namoota saboota keessaa walitti qabamanii iddoowwan diigamanitti deebiʼanii qubatan kanneen horii fi meeshaaleedhaan sooromanii handhuura biyyattii keessa jiraatanitti harka koo nan kaasa.”
EZE 38:13 Shebaa fi Dedaan, daldaltoonni Tarshiishii fi gandoonni ishee hundi akkana siin jedhu; “Ati boojiʼuuf dhuftee? Ati saamuuf, meetii fi warqee fudhattee deemuuf, horii fi meeshaalee fudhachuuf, boojuu hedduus qabachuuf tuuta kee walitti qabattee?” ’
EZE 38:14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii Googiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yeroo sabni koo Israaʼel nagaan jiraatutti ati waan kana hin qalbeeffattuu?
EZE 38:15 Ati iddoo kee kan kaaba fagootii ni dhufta; saboonni baayʼeen kanneen hundi isaanii farda yaabbatan, waldaan guddaan, loltoonni jajjaboon si wajjin ni dhufu.
EZE 38:16 Ati akkuma duumessa biyya haguuguutti saba koo Israaʼelitti ni kaata. Yaa Googi, akka saboonni yommuu ani karaa keetiin fuula isaanii duratti qulqullummaa koo argisiisutti na beekaniif, ani bara dhufuuf jiru keessa biyya kootti sin kaasa.
EZE 38:17 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namni ani bara durii karaa tajaajiltoota koo raajonni Israaʼeliin waaʼee isaa dubbadhe sun siʼii mitii? Yeroo sana isaan akka ani isaanitti si kaasu bara dheeraaf ni raajan.
EZE 38:18 Gaafas waan kanatu taʼa; yeroo Googi biyya Israaʼel miidhutti aariin koo ni bobaʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 38:19 Yeroo sana Israaʼel keessatti sochiin lafaa guddaan isaa akka taʼu, ani hinaaffaa fi dheekkamsa koo bobaʼaa sanaan nan dubbadha.
EZE 38:20 Qurxummiin galaanaa, simbirroonni samii, bineensonni dirree, uumamawwan lafa irra munyuuqan, namoonni lafa irra jiraatan hundi argamuu kootti ni hollatu. Tulluuwwan ni jigu; ededni hallayyaa ni fottoqa; dallaan hundis ni jiga.
EZE 38:21 Ani tulluuwwan koo hunda irratti Googitti goraadee nan waama, jedha Waaqayyo Gooftaan. Goraadeen nama hundaa obboleessa isaatti ni kaʼa.
EZE 38:22 Ani adabbii dhaʼichaatii fi dhiiga dhangalaasuu isatti nan mura; isaa fi loltoota isaatti, saboota isa wajjin jiran hedduuttis bokkaa hamaa, cabbii fi dinyii bobaʼu nan roobsa.
EZE 38:23 Kanaanis guddinaa fi qulqullina koo nan argisiisa; fuula saboota baayʼee durattis of nan beeksisa; ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
EZE 39:1 “Yaa ilma namaa, Googiin mormuudhaan raajii dubbadhu; akkanas jedhi: ‘Waaqayyo gooftaan akkana jedha: Yaa Goog, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal ani sitti kaʼeera.
EZE 39:2 Ani dugda duubatti si deebisee gara fuula duraatti sin oofa. Ani kaaba fagootii si fidee tulluuwwan Israaʼelitti sin erga.
EZE 39:3 Ergasii ani harka kee bitaa irraa iddaa kee dhaʼee harka kee mirgaa irraa immoo akka xiyyi kee buʼu nan godha.
EZE 39:4 Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni si wajjin jiranis tulluuwwan Israaʼel irratti ni kuftu. Ani allaattii raqaa kan gosa hundaatii fi bineensota bosonaatiif nyaata godhee sin kenna.
EZE 39:5 Ati dirree duwwaa irratti ni kufta; ani dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 39:6 Ani Maagoogii fi warra qarqara galaanaa irra nagaadhaan jiraatanitti ibidda nan erga; isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
EZE 39:7 “ ‘Ani akka saba koo Israaʼel gidduutti maqaan koo qulqulluun sun beekamu nan godha. Siʼachi akka maqaan koo qulqulluun sun xuraaʼu hin godhu; saboonnis akka ani Waaqayyo Qulqullicha Israaʼel taʼe ni beeku.
EZE 39:8 Kunoo, wanni kun dhufaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Guyyaan ani jedhes kanaa dha.
EZE 39:9 “ ‘Ergasii warri magaalaawwan Israaʼel keessa jiraatan baʼanii miʼa lolaa jechuunis gaachanawwan xixinnaa fi gurguddaa, iddaa fi xiyya, bokkuu lolaatii fi eeboo qoraan godhatanii bobeeffatu. Waggaa torbaafis akka qoraaniitti itti fayyadamu.
EZE 39:10 Isaan sababii meeshaalee waraanaa qoraan godhatanii itti fayyadamaniif, dirreedhaa qoraan funaanuun yookaan bosona keessaa qoraan cabsuun isaan hin barbaachisu. Isaan warra isaan saaman ni saamu; warra isaan boojiʼanis ni boojiʼu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 39:11 “ ‘Ani gaafas Israaʼel keessaa sulula karaa deemtotaa kan gama baʼa Galaanaatiin jiru sana keessatti Googiif lafa awwaalaa nan kenna. Sababii Googii fi tuunni isaa hundi achitti awwaalamaniif daandii imaltootaa ni cufu. Kanaafuu inni Sulula Hamoon Goog jedhamee waamama.
EZE 39:12 “ ‘Manni Israaʼelis biyyattii qulqulleessuuf jedhanii jiʼa torba guutuu isaan awwaalu.
EZE 39:13 Namoonni biyyattii hundi isaan awwaalu; guyyaan ani itti ulfaadhus guyyaa yaadannoo isaaniif taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 39:14 “ ‘Namoonnis akka biyyattii qulqulleessaniif yeroo yerootti ni qaxaramu. Namoonni tokko tokko guutummaa biyyattii keessa deemu; kaan immoo warra utuu hin awwaalamin hafan awwaalu. Dhuma jiʼa torbaffaattis sakattaʼuu jalqabu.
EZE 39:15 Yommuu isaan biyya keessa deemanitti namni lafee namaa arge kam iyyuu mallattoo itti godha; kunis hamma warri awwaala qotan sun Sulula Hamoon Googiitti awwaalanitti taʼa.
EZE 39:16 Magaalaan Hamoonaa jedhamtu tokko achi jirti; isaan akkasiin biyya sana qulqulleessu.’
EZE 39:17 “Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Simbirroo gosa hundaa fi bineensota bosonaa hundatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Naannoo hundaa walitti qabamaatii gara aarsaa ani isiniif qopheessuu, aarsaa guddicha tulluuwwan Israaʼel irratti dhiʼaatu biratti wal gaʼaa. Achittis foon nyaattu; dhiigas ni dhugdu.
EZE 39:18 Akka waan isaan korbeeyyii fi xobbaallaa hoolaa, reʼootaa fi jiboota taʼaniitti, isin foon namoota jajjaboo ni nyaattu; dhiiga bulchitoota lafaas ni dhugdu; hundi isaaniis horii Baashaan kanneen coomanii dha.
EZE 39:19 Aarsaa ani isiniif qopheessu irratti hamma quuftanitti cooma nyaattu; hamma machooftanitti illee dhiiga dhugdu.
EZE 39:20 Maaddii koo irraas hamma quuftanitti fardeenii fi warra fardeen yaabbatan, namoota jajjaboo fi loltoota gosa hundaa ni nyaattu’ jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 39:21 “Ani saboota gidduutti ulfina koo nan argisiisa; saboonni hundi adabbii ani isaan adabee fi harka koo kan ani isaan irra kaaʼe sana ni argu.
EZE 39:22 Gaafa sanaa jalqabees manni Israaʼel akka ani Waaqayyo Waaqa isaa taʼe ni beeka.
EZE 39:23 Saboonnis akka uummanni Israaʼel sababii cubbuu anaaf amanamuu diduu isaaniitiin hojjetan sanaatiif boojiʼaman ni beeku. Kanaafuu ani fuula koo isaan irraa garagalfadhee diinota isaaniitti dabarsee isaan kenne; hundi isaanis goraadeedhaan dhuman.
EZE 39:24 Ani akkuma xuraaʼummaa isaaniittii fi yakka isaaniittis waan kana isaanitti nan fide; fuula koos isaan duraa dhokfadhe.
EZE 39:25 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaaqoobin boojuudhaa nan deebisa; uummata Israaʼel hundaaf garaa nan laafa; maqaa koo qulqullichaafis nan hinaafa.
EZE 39:26 Isaan yeroo utuu namni tokko iyyuu isaan hin sodaachisin nagaadhaan biyya isaanii keessa jiraatanitti qaanii isaaniitii fi naaf amanamuu diduu isaanii hunda ni irraanfatu.
EZE 39:27 Ani yeroon saboota keessaa isaan deebisee biyyoota diinota isaanii keessaa walitti isaan qabutti, qulqulluu taʼuu koo karaa isaaniitiin fuula saboota baayʼee duratti nan argisiisa.
EZE 39:28 Ani akka isaan boojiʼamanii saboota gidduu jiraataniif isaan ergu iyyuu, utuu tokkoo isaanii illee duubatti hin hambisin biyya isaanii keessatti walitti isaan nan qaba; ergasiis isaan akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii taʼe ni beeku.
EZE 39:29 Siʼachi ani fuula koo isaan duraa hin dhokfadhu; ani Hafuura koo mana Israaʼel irratti nan dhangalaasaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 40:1 Waggaa digdamii shanaffaa boojiʼamuu keenyaa keessa, waggaa jalqabaatti, jiʼa kurnaffaatti, erga magaalattiin diigamtee booddee waggaa kudha afuraffaatti, guyyuma sana harki Waaqayyoo narra ture; innis achi na geesse.
EZE 40:2 Mulʼata Waaqaatiinis gara biyya Israaʼel na geessee tulluu baayʼee ol dheeraa irra na dhaabe; karaa kibba isaatiinis waan ijaarsa magaalaa fakkaatanitu ture.
EZE 40:3 Inni achi na geesse; anis nama bifti isaa naasii fakkaatu tokko nan arge; innis harka isaatti funyoo foʼaa quncee talbaatii fi ulee safaraa qabatee balbala dura ijaajjaa ture.
EZE 40:4 Namichi sunis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati sababii kanaaf waan as fidamteef, ija keetiin ilaali; gurra keetiinis dhagaʼiitii waan ani sitti argisiisu hunda hubadhu. Mana Israaʼelittis waan argite hunda himi.”
EZE 40:5 Anis dallaa guutumaan guutuutti lafa mana qulqullummaa marsee jiru tokko nan arge. Dheerinni ulee ittiin safaran kan harka namicha sanaa keessa ture dhundhuma jaʼaa dha; tokkoon tokkoon dhundhuma sanaa dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokko ture. Innis dallaa sana safare; dallaan sunis ulee safartuu tokko yabbatee ulee safartuu tokko ol dheerata ture.
EZE 40:6 Ergasii inni gara balbala gara baʼaa ilaaluutti dhufe. Gulantaawwanitti ol baʼee waltajjii balbalaa safare; innis ulee safartuu tokko gad fagaata ture.
EZE 40:7 Sireewwan eegumsaa ol dheerinni isaanii ulee tokko, balʼinni isaanii immoo ulee tokko ture; keenyan manneen gidduu turanis dhundhuma shan yabbatu ture. Dooyaan karraa kan gardaafootti aanee gara mana qulqullummaatti garagalu sunis ulee safartuu tokko gad fagaata ture.
EZE 40:8 Sana booddee inni gardaafoo balbalaa safare;
EZE 40:9 balballi sunis dhundhuma saddeet gad fagaatee tuggeewwan isaas dhundhuma lama furdatu turan. Gardaafoon balbala sanaa gara mana qulqullummaatti garagala ture.
EZE 40:10 Karra gara baʼa biiftuu jiru keessa bitaa fi mirgaan manneen waardiyyootaa sadii sadiitu ture; sadan isaanii iyyuu wal qixxee turan. Tuggeewwan gama lamaan jiranis waluma qixxee turan.
EZE 40:11 Ergasii inni balʼina balbala ittiin ol seenanii safare; innis dhundhuma kudhan ture; dheerinni isaa immoo dhundhuma kudha sadii ture.
EZE 40:12 Tokkoo tokkoo mana waardiyyaa dura keenyan dhundhuma tokko ol dheeratutu ture; manneen kunneenis gama lamaaniin dhundhuma jaʼa jaʼa turan.
EZE 40:13 Ergasiis inni bantii keenyan manichaa kan boroo irraa jalqabee hamma bantii kaaniitti balbala sana safare; wal irraa fageenyi isaas balbala tokko irraa hamma balbala kaaniitti dhundhuma digdamii shan ture.
EZE 40:14 Akkasumas balbala ittiin ol seenan safare; innis dhundhuma jaatama taʼe; safarri sunis hamma utubaa gara oobdii ilaalu sanaatti taasifame.
EZE 40:15 Fageenyi balbala ol seensisuu jalqabee hamma dhuma gardaafootti jirus dhundhuma shantama taʼe.
EZE 40:16 Kutaawwan manichaatii fi keenyan isaa karaa ittiin ol seenaniin foddaa gama lachuutiin dhiphachaa deemu qabu ture; gardaafoon sunis akkasuma naannaʼee gara keessaatiin foddaa qaba ture; utubaawwan sun immoo muka meexxiitiin faayeffamanii turan.
EZE 40:17 Ergasii inni gara oobdii alaatti na fide. Achittis dareewwanii fi karaa dhagaadhaan tolfame tokko naannoo oobdiitti nan arge; qarqara karaa sanaas daree soddomatu ture.
EZE 40:18 Karaan sunis balbala sana bira ture; balʼinni isaas hamma ol dheerina balbalawwanii ture; karaan kunis karaa isa gad aanuu dha.
EZE 40:19 Sana booddee balbala gad aanu keessaa jalqabee hamma oobdii isa keessaa kan gara alaatti fageenya isaa safare; innis karaa baʼaatii fi karaa kaabaatiin dhundhuma dhibba tokko ture.
EZE 40:20 Ergasii inni lafa irra dheerinaa fi balʼina karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii alaatti baasuu safare.
EZE 40:21 Safarri utubaawwanii fi gardaafoo manneen waardiyyaa kanneen bitaa mirgaan dareewwan sadii sadii qaban sanaas kan karra jalqabaa wajjin wal qixxee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
EZE 40:22 Foddaawwan isaanii, gardaafoowwan isaaniitii fi faaya isaanii kan muka meexxii irraa hojjetame safarri isaanii safara karra gara baʼaa ilaalu wajjin wal qixxee ture. Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture.
EZE 40:23 Akkuma karra karaa baʼaatiin ture sanaa karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii keessaatti geessu tokkotu ture. Innis karra tokko irraa jalqabee hamma karra fuullee isaa jiruutti safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture.
EZE 40:24 Innis gara kibbaatti na geesse; anis karra gara kibbaa ilaalu nan arge. Innis utubaawwanii fi gardaafoowwan isaa safare; safarri isaaniis safara warra kaanii wajjin wal qixxee ture.
EZE 40:25 Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwan akkuma foddaawwan kaanii dhidhiphatan naannoo isaaniitii qabu ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
EZE 40:26 Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture; balballi sunis fuula utubaawwan sanaa irraa bitaa mirgaan faaya muka meexxiitiin hojjetame qaba ture.
EZE 40:27 Oobdiin gara keessaas karra gara kibbaa ilaalu qaba ture; innis karra kana irraa kaasee hamma karra karaa kibbaa kan gara alaatiin jiruutti safare; safarri isaas dhundhuma dhibba tokko ture.
EZE 40:28 Ergasiis inni karaa balbala kibbaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis karra kibbaa safare; safarri karra sanaas safara karrawwan kaaniitiin wal qixxee ture.
EZE 40:29 Safarri manneen waardiyyaa kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
EZE 40:30 Gardaafoowwan karraa kanneen naannoo oobdii gara keessaa jiran lafa irra dheerinni isaanii dhundhuma digdamii shan, balʼinni isaanii immoo dhundhuma shan qaba ture.
EZE 40:31 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeewwan isaa muka meexxiitiin faayeffamanii turan; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
EZE 40:32 Ergasii inni karaa baʼaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis balbala sana safare; safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture.
EZE 40:33 Safarri manneen waardiyyaa, kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
EZE 40:34 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
EZE 40:35 Ergasii inni gara karra kaabaatti na fide; isas ni safare. Safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture.
EZE 40:36 Innis akkuma manneen waardiyyaa isaa, utubaawwan isaatii fi gardaafoo isaa foddaawwaniin marfamee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
EZE 40:37 Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
EZE 40:38 Kutaan balballi isaa gara gardaafoo karra sanatti baʼu tokko jira ture; innis lafa aarsaan gubamu itti miicamu ture.
EZE 40:39 Gardaafoo karraa keessa karaa bitaa fi mirgaatiin minjaalota lama kanneen aarsaan gubamu, aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa irratti qalamutu ture.
EZE 40:40 Gardaafoo karraa kan gara alaa jiru cina, gulantaawwan balbalaa kanneen ittiin gara karra kaabaa seenan bira minjaalota lamatu ture; gulantaawwan sana irraa qixa kaaniin minjaalota lamatu ture.
EZE 40:41 Kanaafuu karra sana irraa gara tokkoon minjaalota afur, gara kaaniin immoo minjaalota afur, walumatti minjaalota saddeeti kanneen aarsaan irratti qalamutu ture.
EZE 40:42 Akkasumas minjaalota dhagaa soofame irraa aarsaa gubamuuf tolfaman afurtu ture; tokkoon tokkoon isaaniis dheerina dhundhuma tokkoo fi walakkaa, balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaatii fi ol dheerina dhundhuma tokkoo qabu ture. Isaan irras meeshaalee ittiin aarsaan gubamuu fi aarsaawwan biraa ittiin qalaman kaaʼamanii turan.
EZE 40:43 Hokkoowwan gaanfa lama lama qaban kanneen tokkoon tokkoon isaanii dheerina barruu harkaa tokko qaban itti qabsiifamanii turan. Minjaalonni sunis kan foon aarsaawwaniitiif qopheeffaman turan.
EZE 40:44 Balbala isa keessaa duubaan oobdii isa keessaa keessa dareewwan lamatu ture; tokko karaa balbala kaabaa gara kibbaatti garagaleera; tokko immoo karaa balbala kibbaa gara kaabaatti garagaleera.
EZE 40:45 Innis akkana naan jedhe; “Dareen gara kibbaatti garagalee jiru luboota warra mana qulqullummaa keessatti ramadamaniifii dha;
EZE 40:46 kan gara kaabaatti garagalee jiru immoo luboota warra iddoo aarsaatti ramadamaniifii dha. Warri kunneen ilmaan Zaadoq; kanneen Lewwota keessaa gara Waaqayyootti dhiʼaatanii fuula isaa dura tajaajilan isaan qofa.”
EZE 40:47 Achii immoo oobdii safare; innis roga afur kan wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma dhibba tokko, balʼinni isaas dhundhuma dhibba tokkoo ti. Iddoon aarsaas fuula mana qulqullummaa dura ture.
EZE 40:48 Innis gara gardaafoo mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan gardaafoo sanaa safare; isaanis qixa lamaaniin dhundhuma shan shan babalʼatan ture. Balʼinni balbala isaa immoo dhundhuma kudha afur ture; keenyan isaas qixa lamaaniin dhundhuma sadii sadii babalʼata ture.
EZE 40:49 Gardaafoon sun balʼinni isaa dhundhuma digdama, fuula isaa duraa hamma dugda duubaatti immoo dhundhuma kudha lama ture. Gulantaawwan gara mana qulqullummaatti geessan kudhanitu ture; qixa lamaaniinis tuggeewwan gurguddaan, tuggeewwan xixinnaa cina turan.
EZE 41:1 Ergasiis gara mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan isaa safare; balʼinni tuggeewwan sanaas qixa hundaanuu dhundhuma jaʼa jaʼa ture.
EZE 41:2 Balʼinni balbala isaa dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo karaa hundaan dhundhuma shan shan ture. Akkasumas inni karaa mana qulqullummaa kan gara alaa safare; innis dhundhuma afurtama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture.
EZE 41:3 Sana booddee gara mana qulqullummaa isa gara keessaa seenee utubaawwan balbalaa safare; tokkoon tokkoon isaaniis dhundhuma lama lama babalʼatu ture. Balballi isaa dhundhuma jaʼa balʼatee qixa hundaanuu dhundhuma torba torba balʼata ture.
EZE 41:4 Lafa irra dheerina mana qulqullummaa isa gara keessaas ni safare; innis fiixee tokko irraa hamma fiixee kaaniitti dhundhuma digdama dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Innis, “Kun Iddoo Qulqullummaa kan Hunda Caaluu dha” naan jedhe.
EZE 41:5 Ergasii immoo keenyan mana qulqullummaa safare; innis yabbinna dhundhuma jaʼa qaba ture; balʼinni dareewwanii kan naannoo mana qulqullummaa biraas dhundhuma afur afur ture.
EZE 41:6 Dareewwan sunis darbii sadiitti qoodamanii wal irratti ijaaraman; tokkoon tokkoon darbii immoo dareewwan soddoma soddoma qaba ture. Dareewwan sana deeggaruufis naannoo keenyan mana qulqullummaa tuggeewwantu ture; tuggeewwan sun garuu keenyan mana qulqullummaa deeggaruuf keessa hin suuqamne.
EZE 41:7 Dareewwan mana qulqullummaa bira jiran sunis darbiidhaa gara darbiitti babalʼachaa deemu turan. Ijaarsi mana qulqullummaa marsee jiru waan gadii gara oliitti ijaarameef dareewwan sun akkuma ol baʼaa deemaniin babalʼatu turan. Gulantaan tokkos darbii gadiitii jalqabee darbii walakkaa keessa baʼee gara darbii oliitti baasa ture.
EZE 41:8 Akkasumas manni qulqullummaa sun naannoo isaatii madabii ol kaʼaa akka qabu nan arge; madabiin sunis dareewwan sanaaf hundee taʼe. Hundeen sunis lafa irra dheerina ulee tokkoo jechuunis dhundhuma jaʼa qaba ture.
EZE 41:9 Keenyan dareewwan sanaa gara alaatiin dhundhuma shan yabbata ture. Iddoon duwwaan dareewwan mana qulqullummaatii fi
EZE 41:10 dareewwan lubootaa gidduu jiru kan naannoo mana qulqullummaa guutumaan guutuutti dhundhuma digdama balʼata ture.
EZE 41:11 Iddoo duwwaa sana irraa jalqabees balbalawwan dareewwan sanatti ol seensisan, tokko karaa kaabaa, kaan immoo karaa kibbaa turan; madabiin iddoo duwwaa sana marsee jiru dhundhuma shan balʼata ture.
EZE 41:12 Ijaarsi oobdii mana qulqullummaatti garagalee jiruu karaa dhiʼaatiin dhundhuma torbaatama balʼata. Keenyan ijaarsa sanaas dhundhuma shan yabbata; dheerinni isaas dhundhuma sagaltama ture.
EZE 41:13 Ergasii inni mana qulqullummaa safare; dheerinni isaas dhundhuma dhibba tokko ture; oobdiin mana qulqullummaatii fi ijaarsi sun keenyan isaa wajjin dhundhuma dhibba tokko dheerata ture.
EZE 41:14 Balʼinni oobdii mana qulqullummaa kan karaa baʼaatiin jiru iddoo fuullee mana qulqullummaa dabalatee dhundhuma dhibba tokko ture.
EZE 41:15 Ergasiis inni dheerina ijaarsaa kan gara oobdii isa mana qulqullummaa duubaatti garagalee jiru keenyan gama lamaanii dabalatee safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture. Manni qulqullummaa kan gara alaa, kan gara keessaatii fi gardaafoon gara oobdiitti garagalee jiru,
EZE 41:16 akkasumas waltajjiiwwan, foddaawwan dhidhiphoonii fi darbiiwwan naannoo sadan isaanii jiran kan waltajjiin oliitii fi waltajjiin mataan isaa mukaan haguugamee ture. Lafti isaa, keenyan hamma foddaawwaniitti jiruu fi foddaawwan haguugamanii turan.
EZE 41:17 Keessa iddoo balbala mana qulqullummaa gubbaan jiruu fi naannoo keenyan mana qulqullummaa kan gara keessaatii fi kan gara alaa irratti
EZE 41:18 fakkiin kiirubeelii fi mukkeen meexxii tolfamanii turan. Mukkeen meexxii sunis kiirubeel gidduutti tolfaman. Tokkoon tokkoon kiirubis fuula lama lama qaba ture:
EZE 41:19 Fuulli namaa tokko gara muka meexxii kan gama tokkoon jirutti garagalee ture; fuulli leencaa immoo gara muka meexxii kan gama kaaniitti garagalee ture. Isaanis guutumaan guutuutti mana qulqullummaa irratti marfamanii tolfamanii turan.
EZE 41:20 Lafa mana qulqullummaa keessaa hamma balbala gubbaa jiruutti kiirubeelii fi mukkeen meexxii keenyan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti tolfamanii turan.
EZE 41:21 Manni qulqullummaa karaa alaatiin hidhii balbalaa kan roga afurii qaba ture; hidhiin balbalaa kan Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe fuuldura jirus wal fakkaata ture.
EZE 41:22 Iddoo aarsaa kan muka irraa tolfame kan ol dheerinni isaa dhundhuma sadii, lafa irra dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi balʼinni isaa immoo dhundhuma lamaatu ture; goleewwan isaa, madabiin isaatii fi cinaachi isaa muka irraa tolfame. Namichi sunis, “Maaddiin kun maaddii fuula Waaqayyoo dura jiruu dha” naan jedhe.
EZE 41:23 Manni qulqullummaa inni gara alaatii fi Iddoon Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sun balbala lama lama qabu turan.
EZE 41:24 Tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan lama lama qaba ture; tokkoon tokkoon balbala sanaas saanqaawwan qabsiiftuu qaban lama lama qaba ture.
EZE 41:25 Balbalawwan mana qulqullummaa isa gara alaa irratti kiirubeelii fi mukkeen meexxii akkuma keenyan manaa irratti tolfaman sana tolfamanii turan; gardaafoo sana fuula duraanis dibaabee mukaa tokkotu ture.
EZE 41:26 Keenyan bitaa fi mirgaa kan gardaafoo sanaa irra foddaawwan dhidhiphoo kanneen bitaa mirgaan mukkeen meexxiitiin faayeffamantu ture. Dareewwan mana qulqullummaa kanneen bitaa fi mirgaas dibaabeewwan qabu turan.
EZE 42:1 Sana booddee namichi sun karaa kaabaatiin gara oobdii alaatti na baasee gara fuullee dareewwan oobdii mana qulqullummaa fi gara fuullee ijaarsa alaa kan karaa kaabaa jiruutti na fide.
EZE 42:2 Ijaarsi balballi isaa gara kaabaatti garagalu sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma dhibba tokko qaba ture.
EZE 42:3 Kutaa oobdii isa gara keessaa kan dhundhuma digdamaa keessaa fi kutaa fuullee madabii oobdii kan gara alaa jiru keessa sadarkaa sadiin darbiin tokko darbii kaanitti garagalee ture.
EZE 42:4 Dareewwan sana fuula duraanis karaan mana keessaan nama baasu kan dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma dhibba tokko dheeratutu ture. Balbalawwan isaaniis karaa kaabaatiin turan.
EZE 42:5 Sababii darbiiwwan sun iddoo dareewwan kanneen gara gadii irraa fi gamoo isa gidduu irraa qabatan caalaa dareewwan olii jalaa qabataniif dareewwan olii dhidhiphoo dha.
EZE 42:6 Dareewwan darbii sadaffaa irra jiran akka oobdiiwwanii utubaawwan hin qaban ture; kanaafuu darbiiwwan gara gadiitii fi walakkaa jiran caalaa lafa xinnaa qabu ture.
EZE 42:7 Keenyan karaa alaa tokkos dareewwanii fi oobdii gara alaa fuullee jira ture; innis dareewwan sana fuula duraan dhundhuma shantamaa dheerata ture.
EZE 42:8 Dheerinni dareewwan oobdii alaatti aananii tarreedhaan jiranii dhundhuma shantama, tarreen mana qulqullummaatti aanee jiru immoo dhundhuma dhibba tokko dheerata ture.
EZE 42:9 Yommuu oobdii alaatii ol seenanitti, balballi karaa baʼaatiin gara dareewwan gadiitti nama seensisu tokko ni argama ture.
EZE 42:10 Karaa kibbaatiinis dheerina dallaa oobdii gara alaa qabatee, oobdii mana qulqullummaa qabatee fuullee dallaa gara alaatiin dareewwan
EZE 42:11 fuula isaanii duraan karaa namni irra darbu qabantu ture. Dareewwan kunneenis akkuma dareewwan karaa kaabaa sanaa turan; isaanis dheerinaa fi balʼina, karaa ittiin gad baʼanii fi guddina wal fakkaatu qabu turan. Balbalawwan karaa kaabaa
EZE 42:12 balbalawwan dareewwan karaa kibbaa wajjin wal fakkaatu turan. Karaa namni irra darbu kan dallaa gara baʼaatti ijaarameen wal cina deemuun fuullee jiru kan ittiin dareewwan seenan tokkotu jira ture.
EZE 42:13 Ergasiis inni akkana naan jedhe; “Dareewwan kaabaatii fi kibbaa kanneen gara oobdii mana qulqullummaatti garagalanii jiran sun dareewwan lubootaa, iddoo itti luboonni warri fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatan aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe nyaatanii dha. Isaanis aarsaa aarsaa hunda caalaa qulqulluu taʼe jechuunis kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa achi kaaʼu; iddoon sun qulqulluudhaatii.
EZE 42:14 Luboonni iddoo qulqulluu sana takkaa seennaan hamma uffata ittiin tajaajilan sana of irraa baasanitti gara oobdii gara alaatti hin baʼan; wayyaan sun qulqulluudhaatii. Isaan utuu iddoo uummataaf ramadametti hin dhiʼaatin uffata biraa uffachuu qabu.”
EZE 42:15 Inni erga waan mana qulqullummaa keessa jiru safaree xumuree booddee karaa balbala baʼaatiin na baasee naannoo sana hunda safare.
EZE 42:16 Kallattii baʼaas ulee ittiin safaraniin safare; wanni inni safares dhundhuma dhibba shan taʼe.
EZE 42:17 Kallattii gara kaabaas safaree safarri sun ulee safaraatiin dhundhuma dhibba shan taʼe.
EZE 42:18 Kallattii kibbaatiinis safaree safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe.
EZE 42:19 Ergasii inni gara kallattii dhiʼaatti garagalee safaree, safarri sun ulee ittiin safaraniin dhundhuma dhibba shan taʼe.
EZE 42:20 Kanaafuu inni iddoo kallattii afraniin jiru safare. Iddoon sun dallaa iddoo qulqulluu, iddoo xuraaʼaa irraa addaan baasu kan dheerinni isaa dhundhuma dhibba shan, balʼinni isaas dhundhuma dhibba shan qaba ture.
EZE 43:1 Ergasii namichi sun gara balbala baʼa biiftuutti garagaluutti na fide;
EZE 43:2 anis utuu ulfinni Waaqa Israaʼel baʼa biiftuutii dhufuu nan arge. Sagaleen isaa akka sagalee huursaa bishaan yaaʼuu ture; laftis ulfina isaatiin ifte.
EZE 43:3 Mulʼanni ani arges mulʼata ani yommuu inni magaalaa barbadeesuuf dhufetti argee fi mulʼata ani Laga Kebaar biratti argee ture sana fakkaata; anis adda kootiin lafatti nan gombifame.
EZE 43:4 Ulfinni Waaqayyoo sun karaa balbala gara baʼa biiftuutti garagaluun mana qulqullummaa seene.
EZE 43:5 Ergasiis Hafuurri ol na fuudhee gara oobdii gara keessaatti na fide; ulfinni Waaqayyoos mana qulqullummaa guute.
EZE 43:6 Utuu namichi sun na bira dhaabatee jiruu, nama wayii kan mana qulqullummaa keessaa natti dubbatu nan dhagaʼe.
EZE 43:7 Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kun iddoo teessoo kootii fi faanni miilla koo irra ejjetuu dha. Kunis iddoo ani bara baraan Israaʼeloota gidduu jiraadhuu dha. Manni Israaʼel jechuunis isaan yookaan mootonni isaanii sagaagalummaa isaaniitii fi reeffa mootota isaaniitiin lammata gaarran waaqeffannaa isaanii irratti maqaa koo qulqulluu sana hin xureessan.
EZE 43:8 Isaan yommuu anaa fi isaan gidduutti dallaa qofa hambisanii buusaa balbala isaanii buusaa balbala kootii bira, michichila balbala isaanii immoo michichila balbala kootii bira dhaabatanitti hojii isaanii jibbisiisaa sanaan maqaa koo qulqullicha xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin isaanan balleesse.
EZE 43:9 Isaan amma sagaagalummaa isaaniitii fi reeffa mootota isaanii sana narraa haa fageessani; anis bara baraan isaan gidduu nan jiraadha.
EZE 43:10 “Yaa ilma namaa, akka isaan cubbuu isaaniitiin qaanaʼaniif namoota Israaʼelitti mana qulqullummaa argisiisi. Isaan karoora isaa haa hubatan;
EZE 43:11 yoo isaan waan hojjetan hundatti qaanaʼan, karoora mana qulqullummaa jechuunis haala inni ittiin hojjetame, balbala ol seensisuu fi gad baasu, karoora isaa guutuu jechuunis sirna isaatii fi seera isaa hunda akka beekan godhi. Akka isaan karoora isaatii fi guutummaa sirna isaatiif amanamanii fi duukaa buʼaniifis fuula isaanii duratti waan kana barreessi.
EZE 43:12 “Seerri mana qulqullummaa kanaa dha: Lafti naannoo fiixee tulluu jiru hundi waan hunda caalaa qulqulluudhaa. Kun seera mana qulqullummaa ti.
EZE 43:13 “Lafa irra dheerinni iddoo aarsaa dhundhuma dheeraadhaan isa kana: Innis dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokkoo dha; jalli isaa gad fageenya dhundhuma tokkootii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba; naannoon isaa immoo xiyyoo taakkuu tokkoo qaba. Ol dheerinni iddoo aarsaa sanaa kana:
EZE 43:14 Jala isaatii kaasee hamma gulantaa gadiitti ol dheerina dhundhuma lamaatii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba; gulantaa xinnaadhaa hamma gulantaa guddaatti ol dheerina dhundhuma afuriitii fi balʼina dhundhuma tokkoo qaba.
EZE 43:15 Iddoon ibiddaa kan iddoo aarsaa dhundhuma afur ol dheerata; badaan ibiddaa kun gaanfawwan ol babbaʼan afur qaba.
EZE 43:16 Iddoon ibiddaa kun roga wal qixxee afur qaba; dheerinni isaa dhundhuma kudha lama, balʼinni isaa immoo dhundhuma kudha lama:
EZE 43:17 Gulantaan ol aanus roga wal qixxee afur qaba; dheerinni isaa dhundhuma kudha afur, balʼinni isaas dhundhuma kudha afur; xiyyoon isaa walakkaa dhundhumaa, naannoon jala isaa immoo dhundhuma tokkoo dha. Gulantaawwan iddoo aarsaa sanaa gara baʼa biiftuutti garagalu.”
EZE 43:18 Inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo iddoon aarsaa ijaaramutti dambiiwwan ittiin aarsaan gubamu dhiʼeeffamuu fi dhiigni iddoo aarsaa irratti facaafamu kanaa dha:
EZE 43:19 luboota Lewwota maatii Zaadoq kanneen na tajaajiluuf fuula koo duratti dhiʼaataniif akka aarsaa cubbuu taʼuuf dibicha kennita, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 43:20 Atis dhiiga isaa irraa xinnoo fudhattee gaanfa afran kan iddoo aarsaa, goleewwan gulantaa ol aanuu afranii fi naannoo xiyyoo isaa hunda dibda; haala kanaanis iddoo aarsaa sana qulqulleessitee araara buufta.
EZE 43:21 Dibicha sanas aarsaa cubbuutiif fuutee iddoo qulqulluudhaan alatti, kutaa mana qulqullummaa kan waan kanaaf ramadame keessatti ni gubda.
EZE 43:22 “Guyyaa lammaffaatti korbeessa reʼee kan hirʼina hin qabne aarsaa cubbuutiif dhiʼeessita; iddoon aarsaas akkuma dibichaan qulqulleeffame sanatti qulqulleeffama.
EZE 43:23 Erga iddoo aarsaa sana qulqulleessitee booddee, horii keessaa dibichaa fi korbeessa bushaayee kanneen lamaan isaani iyyuu hirʼina hin qabne dhiʼeessita.
EZE 43:24 Ati fuula Waaqayyoo duratti isaan dhiʼeessita; luboonni immoo soogidda itti facaasanii aarsaa gubamu godhanii Waaqayyoof isaan dhiʼeessu.
EZE 43:25 “Ati guyyaa torbaaf guyyuma guyyaan korbeessa reʼee aarsaa cubbuutiif dhiʼeessuu qabda; akkasumas horii keessaa dibichaa fi korbeessa bushaayee kan hirʼina hin qabne dhiʼeessuu qabda.
EZE 43:26 Isaanis guyyaa torbaaf iddoo aarsaatiif araara buusanii isa qulqulleessuu qabu; akkasittis isa qulqulleessu.
EZE 43:27 Dhuma guyyoota kanaatti, guyyaa saddeettaffaa irraa jalqabee luboonni aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa iddoo aarsaa irratti dhiʼeessuu qabu. Ergasii ani isinan simadha, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
EZE 44:1 Sana booddee namichi sun balbala iddoo qulqulluu kan karaa alaatiin gara baʼa biiftuutti garagalutti deebisee na fide; balballi sunis cufamee ture.
EZE 44:2 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Balballi kun cufamee hafa; inni banamuu hin qabu; namni tokko iyyuu achiin hin seenu. Sababii Waaqayyo Waaqni Israaʼel karaa sanaan seeneef, balballi sun cufamee hafa.
EZE 44:3 Namni fuula Waaqayyoo duratti waa nyaachuuf karra ittiin seenan keessa taaʼuu dandaʼu bulchaa sana qofa. Inni karra ittiin gardaafoo seenan sanaan ol galee achumaan gad baʼuu qaba.”
EZE 44:4 Namichi sun karra kaabaatiin gara fuullee mana qulqullummaatti na fide. Anis milʼadheen akka ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa Waaqayyoo guute arge; adda kootiinis lafattan gombifame.
EZE 44:5 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waaʼee danbiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo waan ani sitti himu hunda hubadhuu ilaali; sirriitti dhaggeeffadhu; qalbeeffadhus. Waaʼee karra ittiin mana qulqullummaa seenaniitii fi karra ittiin iddoo qulqulluudhaa baʼanii hunda yaadatti qabadhu.
EZE 44:6 Mana Israaʼel fincilaa sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa mana Israaʼel, hojiin keessan jibbisiisaan sun haa gaʼu!
EZE 44:7 Hojiiwwan keessan jibbisiisoo kaan hundatti dabaltanii alagoota yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo qulqulluu kootti galchitan; nyaata, coomaa fi dhiiga naaf dhiʼeessuudhaan mana qulqullummaa koo xureessitan; kakuu koos cabsitan.
EZE 44:8 Isin itti gaafatamummaa wantoota koo qulqulluu irratti qabdan fiixaan baasuu diddanii iddoo koo qulqulluu irratti alagoota muuddatan.
EZE 44:9 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Alagaan yaada garaa fi fooniin dhagna hin qabatin iddoo koo qulqulluu sana seenuu hin qabu; alagoonni Israaʼeloota gidduu jiraatan iyyuu seenuu hin qaban.
EZE 44:10 “ ‘Lewwonni warri yeroo Israaʼeloonni narraa jalʼatanitti waaqota isaanii duukaa buʼuudhaan jooran cubbuu isaaniitti gaafatamuu qabu.
EZE 44:11 Isaan itti gaafatamummaa karrawwan mana qulqullummaa qabaachuudhaan, isa keessas tajaajiluudhaan iddoo qulqulluu koo keessa tajaajiluu dandaʼu; qalma gubamu qalanii maqaa uummataatiin dhiʼeessuu, fuula uummataa dura dhaabataniis uummata tajaajiluu ni dandaʼu.
EZE 44:12 Garuu sababii isaan fuula waaqota isaanii duratti uummata tajaajilanii mana Israaʼel cubbuudhaan kuffisaniif ani akka isaan cubbuu isaaniitti gaafatamaniif harka ol kaafadhee kakadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 44:13 Isaan luboota taʼanii na tajaajiluuf natti dhiʼaachuu hin qaban yookaan wantoota koo qulqulluu kamitti iyyuu yookaan aarsaawwan koo kanneen aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaachuu hin qaban; qaanii hojiiwwan isaanii jibbisiisoo baadhachuu qabu.
EZE 44:14 Taʼus ani akka isaan itti gaafatama mana qulqullummaa qabaataniif, akka isaan hojii isaa hunda hojjetanii fi waan achi keessatti hojjetamuu qabu hunda hojjetaniif isaan nan muuda.
EZE 44:15 “ ‘Luboonni warri Lewwotaa fi sanyii Zaadoq taʼanii fi warri yeroo Israaʼeloonni karaa koo irraa jalʼatanitti hojii iddoo qulqulluu koo amanamummaadhaan deemsisan fuula koo dura tajaajiluudhaaf dhiʼaachuu qabu; coomaa fi dhiigas aarsaa godhanii dhiʼeessuuf fuula koo dura dhaabachuu qabu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 44:16 Iddoo qulqulluu koo isaan qofatu seenuu qaba; isaan qofatu na tajaajiluu fi hojii koo hojjechuuf maaddii kootti dhiʼaachuu qaba.
EZE 44:17 “ ‘Isaan yeroo karra oobdii gara keessaatiin seenanitti wayyaa quncee talbaa irraa dhaʼame uffachuu qabu; yeroo karra oobdii gara keessaa dura yookaan mana qulqullummaa keessa tajaajilanitti wayyaa suufii irraa dhaʼame kam iyyuu uffachuu hin qaban.
EZE 44:18 Isaan marata quncee talbaa irraa dhaʼame mataa isaaniitti maratanii wayyaa jalaa kan quncee talbaa irraa dhaʼame mudhii isaaniitti hidhachuu qabu. Wayyaa isaan dafqisiisu kam iyyuu uffachuu hin qaban.
EZE 44:19 Isaan yeroo gara oobdii alaa iddoo uummanni jirutti gad baʼanitti uffata ittiin tajaajilaa turan sana of irraa baasanii dareewwan qulqulluu keessa kaaʼuu qabu; akka uffata isaaniitiin uummata hin qulqulleessineefis uffata biraa uffachuu qabu.
EZE 44:20 “ ‘Rifeensa mataa isaanii haaddachuu yookaan guddisuu hin qaban; garuu rifeensa mataa isaanii murachuu qabu.
EZE 44:21 Lubni kam iyyuu yeroo oobdii gara keessaa seenutti daadhii wayinii dhuguu hin qabu.
EZE 44:22 Isaan haadha hiyyeessaa yookaan niitii dhirsi hiike fuudhuu hin qaban; durba sanyii Israaʼel yookaan niitii lubni irraa duʼe qofa fuudhuu dandaʼu.
EZE 44:23 Isaan garaa garummaa waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin gidduu jiru saba koo barsiisanii akka isaan waan xuraaʼaa fi waan qulqullaaʼaa addaan baafatan itti argisiisuu qabu.
EZE 44:24 “ ‘Falmii kam iyyuu keessatti luboonni akka abbootii seeraatti haa tajaajilan; akka sirna koottis haa murteessan. Isaan seera koo fi ajaja koo kan ayyaana kootiif murteeffame hundaaf kenname sana eeguu qabu; Sanbatoota koos qulqulleessanii eeguu qabu.
EZE 44:25 “ ‘Lubni tokko nama duʼetti dhiʼaachuudhaan of xureessuu hin qabu; haa taʼu malee yoo namni duʼe sun abbaa isaa yookaan haadha isaa, ilma isaa yookaan intala isaa, obboleessa isaa yookaan obboleettii isaa kan hin heerumin taʼe garuu inni of xureessuu dandaʼa.
EZE 44:26 Inni erga qulqullaaʼee booddee guyyaa torba eeguu qaba.
EZE 44:27 Innis gaafa iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf oobdii iddoo qulqulluu isa gara keessaa seenutti aarsaa cubbuu waaʼee ofii isaatiif dhiʼeessuu qaba, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 44:28 “ ‘Dhaalli luboonni qaban anuma qofa. Isin Israaʼel keessatti qabeenya tokko illee isaaniif kennuu hin qabdan; ani qabeenya isaanii nan taʼa.
EZE 44:29 Isaan kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa ni nyaatan; wanni Israaʼel keessaa Waaqayyoof kenname hundi kan isaanii ni taʼa.
EZE 44:30 Mataa oomisha midhaanii keessaa filatamaan hundii fi kennaan keessan kan addaa hundinuu kan lubootaa ti. Akka eebbi warra mana keessan jiraataniif dhufuuf, daakuu keessan keessaa kan jalqabaa isaaniif kennuu qabdu.
EZE 44:31 Luboonni simbira yookaan horii, waan duʼee argame yookaan kan bineensi madeesse kam iyyuu nyaachuu hin qaban.
EZE 45:1 “ ‘Isin yeroo lafa ixaadhaan dhaala godhattanii qoqqooddattanitti, biyyattii keessaa kutaa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 20,000 taʼe tokko aanaa qulqulluu gootanii Waaqayyoof kennuu qabdu; lafti sunis guutumaan guutuutti qulqulluu taʼa.
EZE 45:2 Kana keessaas lafti rogni isaa wal qixxee kan lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 500, balʼinni isaas dhundhuma 500 taʼe iddoo qulqulluudhaaf, dhundhumni 50 immoo iddoo duwwaa naannoo isaatti hafuuf haa taʼu.
EZE 45:3 Aanaa qulqulluu sana irraas kutaa lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 safari. Isa keessas iddoo qulqulluu jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼetu jiraachuu qaba.
EZE 45:4 Iddoon kunis lafa sana keessatti luboota iddoo qulqulluu keessatti tajaajilanii fi kanneen fuula Waaqayyoo duratti tajaajiluuf dhiʼaataniif kutaa qulqulluu ni taʼa. Innis iddoo manneen isaaniitii fi iddoo mana qulqullummaa taʼa.
EZE 45:5 Lafti dhundhuma 25,000 dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe akka isaan magaalaa keessa jiraatan itti ijaarrataniif Lewwota mana qulqullummaa keessa tajaajilaniif taʼa.
EZE 45:6 “ ‘Lafa balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe kutaa qulqulluu sanatti aansaatii akka qabeenya ishee taʼuuf magaalaa sanaaf kennaa; innis mana Israaʼel hundaaf taʼa.
EZE 45:7 “ ‘Bulchaan sunis lafa aanaa qulqulluu sanaatii fi qabeenya magaalaa gama lamaaniinuu daangessitu tokko qabaata. Lafti sunis karaa lixaatiin gara lixaatti diriirtee karaa baʼaatiin immoo gara baʼaatti diriirtee kutaalee lafa gosaa keessaa tokko biraan daarii lixaatii hamma daarii baʼaatti dheeratti.
EZE 45:8 Lafti kun Israaʼel keessatti handhuuraa isaa taati. Bulchitoonni koos akka manni Israaʼel akkuma gosa isaaniitti lafa handhuuraa qabaatan godhu malee siʼachi saba koo hin hacuucan.
EZE 45:9 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bulchitoota Israaʼel isin seera dabartaniirtu! Jeequmsaa fi hacuuccaa keessan dhiisaatii waan sirrii taʼee fi qajeelaa hojjedhaa. Saba koo hin saaminaa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 45:10 Isin madaalii sirrii, iifii sirrii fi baadoosii sirrii taʼetti fayyadamuu qabdu.
EZE 45:11 Iifii fi baadoosiin wal qixxee taʼuu qabu; baadoosiin tokko homeerii kudhan keessaa tokko, iifiin tokko immoo homeerii kudhan keessaa tokko qabata; kanaafuu homeeriin lachan isaaniitiifuu madaalii walii galaa taʼa.
EZE 45:12 Saqiliin tokko geeraa digdama qabata; saqiliin jaatamni immoo minnaanii tokko taʼa.
EZE 45:13 “ ‘Kennaan isin dhiʼeessuu qabdan kanaa dha: Tokkoo tokkoo qamadii homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko, tokkoo tokkoo garbuu homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko.
EZE 45:14 Zayitiin ajajame yoo baadoosiidhaan safarame, baadoosii qooda kudhan keessaa qooda tokko kan tokkoo tokkoo qoroosii irraa fudhatamee dha. Qoroosiin tokko baadoosii kudhan yookaan homeerii tokko qabaata; baadoosiin kudhan homeerii tokkoon wal qixxeedhaatii.
EZE 45:15 Akkasumas lafa tika Israaʼel kan bishaan quufe irraa bushaayee dhibba lama keessaa hoolaa tokko haa fudhatu. Kun hundi akka sabaaf araarri buʼuuf kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaatiif taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 45:16 Sabni biyyattii hundinuu kennaa kana bulchaa Israaʼeliif ni kenna.
EZE 45:17 Yeroo ayyaanotaatti, yeroo Ayyaana Baatiitti, guyyoota Sanbataatti, yeroo ayyaanota mana Israaʼeliif murteeffaman hunda aarsaa gubamu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu dhiʼeessuun itti gaafatama bulchaa ti. Innis akka mana Israaʼeliif araarri buʼuuf aarsaa cubbuu, kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa ni dhiʼeessa.
EZE 45:18 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Guyyaa jalqabaa, jiʼa jalqabaatti dibicha hirʼina hin qabne geessitee mana qulqullummaa ni qulqulleessita.
EZE 45:19 Lubichis dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa waa fuudhee dhaabawwan balbala mana qulqullummaa irra, qarqara goleewwan iddoo aarsaa kanneen ol aannan afranii fi dhaabawwan karra oobdii kan gara keessaa irra dibuu qaba.
EZE 45:20 Nama utuu itti hin yaadin yookaan utuu hin beekin cubbuu hojjetu kamiif iyyuu jiʼa sana keessaa bultii torbaffaatti akkasuma gochuu qabdan; isin akkasitti mana qulqullummaa sanaaf araara buuftu.
EZE 45:21 “ ‘Jiʼa jalqabaa keessa, bultii kudha afuraffaatti isin Faasiikaa jechuunis ayyaana torban tokko turu ayyaaneffattu; yeroo kanattis buddeena raacitii malee tolfame nyaatu.
EZE 45:22 Gaafas bulchaan sun ofii isaatii fi uummata biyyattii hundaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dhiʼeessuu qaba.
EZE 45:23 Innis yeroo ayyaana bultii torbaa sana keessa guyyuma guyyaan korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhee, korbeessa reʼee tokko immoo aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof dhiʼeessuu qaba.
EZE 45:24 Tokkoo tokkoo dibicha looniitiif iifii tokko, tokkoo tokkoo korbeessa hoolaatiifis iifii tokko kennaa midhaanii godhee, zayitii iinii tokkoos tokkoo tokkoo iifii sanaatti dabalee qopheessuu qaba.
EZE 45:25 “ ‘Yeroo ayyaana bultii torba turu kan jiʼa torbaffaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti jalqabamu sana keessa illee aarsaa cubbuutiif, aarsaa gubamuuf, kennaa midhaaniitii fi kan zayitiitiif akkasuma haa qopheessu.
EZE 46:1 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Karri oobdii gara keessaa kan baʼa biiftuutti garagalu guyyaa hojii jaʼanuu cufamuu qaba; gaafa Sanbataatii fi guyyaa Ayyaana Baatii garuu banamuu qaba.
EZE 46:2 Bulchaan sun karaa gardaafoo balbalaatiin ol galee dhaaba balbalaa bira dhaabachuu qaba. Luboonni immoo aarsaa isaa kan gubamuu fi aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qabu. Innis buusaa karraa duratti sagadee ergasii gad baʼuu qaba; karri sun garuu hamma galgalaatti hin cufamu.
EZE 46:3 Guyyoota Sanbataattii fi Baatii Haaraatti sabni biyyattii karra ittiin ol seenan irratti fuula Waaqayyoo duratti sagaduu qaba.
EZE 46:4 Aarsaan gubamu kan bulchaan sun guyyaa Sanbataatiin Waaqayyoof fidu xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii mudaa hin qabne taʼuu qabu.
EZE 46:5 Kennaan midhaanii kan korbeessa hoolaa wajjin kennamu sun iifii tokko, kennaan midhaanii kan xobbaallaawwan hoolaa wajjin kennamu immoo akkuma bulchaan sun fedhetti taʼee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitiin iiniin tokko dabalamee dhiʼeeffamuu qaba.
EZE 46:6 Innis guyyaa Baatii Haaraatti dibicha tokko, xobbaallaawwan hoolaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko, kanneen hundi isaanii iyyuu mudaa hin qabne dhiʼeessuu qaba.
EZE 46:7 Iifii tokko korma loonii wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma bulchaan sun kennuu fedhetti kennaa midhaanii godhee tokkoo tokkoo iifii sanaatti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba.
EZE 46:8 Bulchaan sun yeroo ol seenutti karaa gardaafoo karra sanaatiin seenuu, karuma sanaanis gad baʼu qaba.
EZE 46:9 “ ‘Yoo sabni biyyattii guyyaa ayyaana murteeffameetti fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatutti namni waaqeffachuudhaaf karra gama kaabaatiin ol seenu kam iyyuu, karra gama kibbaatiin baʼuu qaba; namni karra gama kibbaatiin seenu kam iyyuus karra gama kaabaatiin baʼuu qaba; namni kam iyyuu karra karra sanatti dugda galee jiruun baʼuu qaba malee karra ittiin seene sanaan baʼuu hin qabu.
EZE 46:10 Bulchaan sunis isaan gidduu jiraachuu qaba; inni yeroo isaan ol seenanitti seenee yeroo isaan gad baʼanitti baʼa.
EZE 46:11 “ ‘Guyyoota ayyaanaatii fi ayyaanota murteeffamaniif, kennaan midhaanii iifii tokko dibicha tokko wajjin, iifii tokko korbeessa hoolaa tokko wajjin, xobbaallaawwan hoolaa wajjin immoo akkuma namichi sun kennuu fedhetti tokkoo tokkoo iifiitti zayitii iinii tokko dabalee dhiʼeessuu qaba.
EZE 46:12 Yommuu bulchaan fedhii isaatiin Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessutti jechuunis yommuu aarsaa gubamu yookaan aarsaa nagaa dhiʼeessutti karri gara baʼa biiftuutti garagaluu isaaf banamuu qaba. Inni akkuma guyyaa Sanbataa godhu sana aarsaa isaa kan gubamu yookaan aarsaa isaa kan nagaa dhiʼeessuu qaba. Ergasii inni baʼee deema; erga inni deemee booddee karri sun ni cufama.
EZE 46:13 “ ‘Ati guyyuma guyyaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne aarsaa gubamu gootee Waaqayyoof dhiʼeessuu qabda; waan kanas ganama ganama dhiʼeessita.
EZE 46:14 Kana wajjinis daakuu midhaanii iifii jaʼa keessaa tokko, daakuu sana jiisuufis zayitii iinii sadii keessaa tokko itti dabaltee ganama ganama kennaa midhaanii dhiʼeessuu qabda; kennaa midhaanii kana Waaqayyoof dhiʼeessuun sirna baraa baraa ti.
EZE 46:15 Kanaafuu xobbaallaan hoolaa, kennaan midhaaniitii fi zayitiin aarsaa gubamu kan yeroo hundaatiif ganama ganama haa dhiʼeeffamu.
EZE 46:16 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa ilmaan isaa keessaa isa tokkoof kenne dhaalli sun sanyii isaatiifis ni taʼa; kunis dhaalaan handhuuraa isaanii taʼa.
EZE 46:17 Haa taʼu malee yoo bulchaan sun dhaala isaa irraa garboota isaa keessaa isa tokkoof kenne garbichi sun hamma waggaan inni itti bilisoomu gaʼutti kan isaa ti; sana booddee dhaalli sun bulchaa sanaaf deebiʼa. Dhaalli isaa ilmaan isaa qofaaf taʼa; dhaalli sun kan isaanii ti.
EZE 46:18 Bulchaan sun qabeenya isaa irraa isaan buqqisee dhaala sabaa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Akka sabni koo kam iyyuu qabeenya isaa irraa hin buqqifamneefis inni qabeenya isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala isaanii kennuu qaba.’ ”
EZE 46:19 Ergasii namichi sun balbala isa karra gara dareewwan qulqulluu gara kaabaatti garagalanii jiran kanneen lubootaaf kennamanitti geessu cina jiru keessaan na baasee moggaa gara dhiʼaatiin iddoo tokko natti argisiise.
EZE 46:20 Innis akkana naan jedhe; “Iddoon kun iddoo itti luboonni uummata qulqulleessuuf jedhanii akka aarsaan gara oobdii alaatti gad hin baafamneef aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuu bilcheessanii kennaa midhaanii immoo itti tolchanii dha.”
EZE 46:21 Innis ergasii gara oobdii alaatti na baasee golee isaa afran irra na naannesse; ani immoo tokkoo tokkoo golee sanaa keessatti oobdii biraa nan arge.
EZE 46:22 Goleewwan oobdii alaa afran keessa oobdiiwwan xixinnaatu ture; isaanis lafa irra dheerina dhundhuma afurtamaa fi balʼina dhundhuma soddoma qabu; balʼinni tokkoo tokkoo oobdiiwwan goleewwan afran keessa jiranii wal qixxee ture.
EZE 46:23 Naannoo tokkoo tokkoo goleewwan afranii keessa marsaa dhagaa kan naannoo isaa jalatti iddoon ibiddaa jiru tokkotu ijaaramee ture.
EZE 46:24 Innis, “Isaan kunneen manneen warri mana qulqullummaa keessa tajaajilan aarsaawwan sabaa itti bilcheessanii dha” naan jedhe.
EZE 47:1 Namichi sun deebisee gara balbala mana qulqullummaatti na fide; anis bishaan gulantaa mana qulqullummaa jalaa baʼee gara baʼa biiftuutti yaaʼu nan arge; manni qulqullummaa sun gara baʼa biiftuutti garagala tureetii. Bishaan sunis kibba mana qulqullummaa jalaa baʼee kibba iddoo aarsaatiin gad yaaʼa ture.
EZE 47:2 Ergasii karaa balbala kaabaatiin na baasee ala keessa na naannessee gara karra alaa kan gara baʼa biiftuutti garagalee jiruutti na fide; bishaan sunis karaa kibbaatiin yaaʼa ture.
EZE 47:3 Namichi sunis funyoo ittiin safaru harkatti qabatee gara baʼa biiftuutti deemuudhaan dhundhuma kuma tokko safare; ergasiis bishaan koronyoo gaʼu keessa na deemsise.
EZE 47:4 Ammas dhundhuma kuma tokko safaree bishaan jilba gaʼu keessa na deemsise; itti aansees dhundhuma kuma tokko safaree bishaan mudhii gaʼu keessa na deemsise.
EZE 47:5 Ammas inni dhundhuma kuma tokko safare; sababii bishaan sun guutee tureef ani laga sana ceʼuu hin dandeenye; lagni sun daakuudhaaf akka malee gad fagoo waan taʼeef namni tokko iyyuu ceʼuu hin dandaʼu ture.
EZE 47:6 Innis, “Yaa ilma namaa, waan kana argitaa?” naan jedhe. Ergasii inni deebisee gara afaan lagaatti na fide.
EZE 47:7 Anis yommuun achi gaʼetti bitaa fi mirga laga sanaatti mukkeen hedduu nan arge.
EZE 47:8 Innis akkana naan jedhe; “Bishaan kun gara biyya baʼa biiftuutti yaaʼee gara Arabbaatti buʼee galaanatti makama. Yommuu galaanatti makamuttis bishaan sun ni qulqullaaʼa.
EZE 47:9 Iddoo lagni sun itti yaaʼu hunda uumamawwan lubbuu qabeeyyiin ni jiraatu ture. Sababii bishaan kun achi yaaʼee bishaan qulqulleessuuf, qurxummiin baayʼinaan argama; kanaafuu lafa bishaan sun itti yaaʼu wanni hundi ni jiraata.
EZE 47:10 Qurxummii qabdoonni qarqara bishaanii dhadhaabatu; lafti Een Gaadiidhaa hamma Een Eglayiimiitti jiru lafa itti kiyyoo diriirsan taʼa; qurxummiin isaas akkuma qurxummii Galaana Meeditiraaniyaan gosa adda addaa qabaata.
EZE 47:11 Raaree fi caffaan garuu hin qulqullaaʼu; isaanis soogidda taʼanii hafu.
EZE 47:12 Mukkeen ija naqatan gosti hundinuu bitaa fi mirga qarqara laga sanaatti ni guddatu. Baalawwan isaanii hin gogan yookaan ija hin dhaban. Sababii bishaan iddoo qulqulluudhaa gara isaaniitti yaaʼuuf mukkeen sun jiʼa jiʼaan ija naqatu. Iji isaanii nyaataaf, baalli isaanii immoo nama fayyisuuf fayyada.”
EZE 47:13 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Daangaawwan kunneen daangaawwan isin ittiin biyyattii dhaala gootanii gosoota Israaʼel kudha lamaaniif qoqqoodanii dha; Yoosef qooda lama haa argatu.
EZE 47:14 Isin wal qixxeessitanii isaaniif qoqqooduu qabdu. Sababii ani abbootii keessanii kennuuf harka ol kaafameen kakadheef biyyattiin kun dhaala keessan ni taati.
EZE 47:15 “Daangaan biyyattii kanaa dha: “Karaa kaabaatiin Galaana Meeditiraaniyaanii kaasee daandii Hetilooniitiin karaa Haamaat darbee hamma Zedaadi gaʼutti,
EZE 47:16 Beerootaanii fi Sibraayim isa daangaa Damaasqootii fi Hamaatii gidduutti argamu irraa hamma Hazeer Hatiikoon isa daangaa Hawiraanii irratti argamu sanaa gaʼa.
EZE 47:17 Daangaan kun galaana irraa kaʼee karaa kaabaatiin daangaa Damaasqoo qabatee, daangaa Hamaatis gara kaabaatti dhiisee hamma Hazar Eenooniitti deema. Kunis daangaa kaabaa taʼa.
EZE 47:18 Daangaan sun karaa baʼa biiftuutiin Hawiraanii fi Damaasqoo gidduu baʼee Yordaanosin qabatee Giliʼaadii fi biyya Israaʼel gidduudhaan karaa Galaana baʼa biiftuutiin hamma Taamaaritti deema. Kunis daangaa baʼa biiftuu ni taʼa.
EZE 47:19 Innis karaa kibbaatiin Taamaarii kaʼee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti deema; ergasiis laga Gibxi qabatee hamma Galaana Guddichaatti deema. Kun daangaa kibbaa taʼa.
EZE 47:20 Karaa lixaatiin immoo hamma iddoo fuullee Hamaati jiru tokkootti Galaanni Meeditiraaniyaan daangaa isaa ni taʼa. Kunis daangaa lixaa ni taʼa.
EZE 47:21 “Isinis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelitti biyya kana ni qoqqooddattu.
EZE 47:22 Isin ofii keessanii fi alagoota isin gidduu jiraatan kanneen ijoollee qabaniif biyyattii dhaala godhaatii ixaadhaan qoqoodaa. Akka dhalattoota Israaʼelittis isaan ilaalaa; isaanis isin wajjin gosoota Israaʼel gidduutti ixaadhaan dhaala qooddachuu qabu.
EZE 47:23 Isin alagaa gosa kam iyyuu keessa qubateef dhaala isaa kennuufii qabdu” jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 48:1 “Gosoonni maqaan isaanii galmeeffame kanneenii dha: “Karaa daarii kaabaatiin gosti Daan qooda tokko qabaata; kunis daandii Hetiloon qabatee hamma qaxxaamura Hamaatitti deema; Hazar Eenaanii fi daariin Damaasqoo kan gara kaabaa inni Hamaatitti aanee jiru daarii isaa kan karaa baʼaatii jalqabee hamma karaa lixa biiftuutti jiruu taʼa.
EZE 48:2 Gosti Aasheer qooda tokko qabaata; kunis biyya Daan kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
EZE 48:3 Gosti Niftaalem qooda tokko qabaata; kunis biyya Aasheer kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
EZE 48:4 Gosti Minaasee qooda tokko qabaata; kunis biyya Niftaalem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
EZE 48:5 Gosti Efreem qooda tokko qabaata; kunis biyya Minaasee kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
EZE 48:6 Gosti Ruubeen qooda tokko qabaata; kunis biyya Efreem kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
EZE 48:7 Gosti Yihuudaa qooda tokko qabaata; kunis biyya Ruubeen kan baʼaa hamma lixaatti jiru daangessa.
EZE 48:8 “Biyyi baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti Yihuudaa daangessu qooda isin kennaa addaa gootanii dhiʼeessuu qabdanii dha. Balʼinni isaas dhundhuma 25,000, dheerinni isaa immoo baʼa biiftuutii gara lixa biiftuutti qooda gosaa keessaa isa tokko wajjin wal qixxee taʼa; iddoon qulqulluun sunis biyya sana gidduutti argama.
EZE 48:9 “Qoodni addaa kan isin Waaqayyoof dhiʼeessuu qabdan dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa.
EZE 48:10 Kunis lubootaaf qooda qulqulluu taʼa. Innis karaa kaabaatiin dhundhuma 25,000 dheerata; karaa lixa biiftuutiin dhundhuma 10,000 balʼata; karaa baʼa biiftuun dhundhuma 10,000 balʼata; karaa kibbaatiin immoo dhundhuma 25,000 dheerata. Manni qulqullummaa Waaqayyoos gidduu isaatti argama.
EZE 48:11 Kunis luboota qulqullaaʼoo jechuunis ilmaan Zaadoq kanneen amanamummaadhaan na tajaajilaa turan kanneen yeroo Israaʼeloonni karaa irraa badanitti akka Lewwonni karaa irraa badan sana karaa irraa hin badin sanaaf taʼa.
EZE 48:12 Innis qooda biyyattii isa qulqulluu irraa jechuunis qooda qulqulluu kan qooda hunda caalaa qulqulluu taʼe irraa kan biyya Lewwotaa daangessu sun isaaniif kennaa addaa taʼa.
EZE 48:13 “Biyya lubootaa biraan Lewwonni lafa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 qabaatu. Walumaa galatti dheerinni isaa dhundhuma 25,000 balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼa.
EZE 48:14 Isaanis lafa sana irraa waan tokko illee gurguruu yookaan geeddaruu hin qaban. Lafti kun biyyattii keessaa filatamaa dha; sababii Waaqayyoof qulqulluu taʼeefis harka nama biraatti darbuu hin qabu.
EZE 48:15 “Lafti hafe kan balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe faayidaa magaalattiitiif oola; kunis ijaarsa manneeniitii fi lafa dheedaatiif taʼa. Magaalattiin immoo isa gidduu jiraatti;
EZE 48:16 magaalattiinis karaa kaabaatiin dhundhuma 4,500, karaa kibbaatiin dhundhuma 4,500, karaa baʼaatiin dhundhuma 4,500 karaa lixaatiinis dhundhuma 4,500 balʼatti.
EZE 48:17 Magaalattiin kaabaan dhundhuma 250, kibbaan dhundhuma 250, baʼaan dhundhuma 250, dhiʼaanis dhundhuma 250 lafa dheedaa ni qabaatti.
EZE 48:18 Wanni lafa sana irraa hafe kan kutaa qulqulluu daangessuu fi dheerina lafa sanaa qabatee jiru karaa baʼaatiin dhundhuma 10,000, karaa dhiʼaatiin illee dhundhuma 10,000 ni taʼa. Oomishni lafa sanaas hojjettoota magaalattiitiif nyaata ni taʼa.
EZE 48:19 Hojjettoonni magaalattii kanneen lafa qotatan gosoota Israaʼel hunda keessaa dhufu.
EZE 48:20 Kutaan lafa sanaa hundi roga wal qixxee afur qabaata; tokkoon tokkoon roga sanaas dhundhuma 25,000 taʼa. Qabeenya magaalaa wajjinis akka kennaa addaa taʼuuf kutaa qulqulluu hambisaa.
EZE 48:21 “Wanni karaa kutaa qulqulluu lamaanii fi qabeenya magaalattii irraa hafe bulchaa sanaaf taʼa. Innis karaa baʼaa kutaa qulqulluu kan dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa baʼaatti, karaa dhiʼaa immoo lafa dhundhuma 25,000 dheeratu sana irraa jalqabee gara daangaa dhiʼaatti balʼata. Lafti dheerina qoodawwan gosaa qabatee jiru sun lamaan bulchaa sanaaf taʼa; kutaan qulqulluun iddoo qulqulluu kan mana qulqullummaa wajjin jiru sun isaan gidduutti argama.
EZE 48:22 Kanaafuu qabeenyi Lewwotaatii fi qabeenyi magaalattii lafa bulchaa sanaaf kenname sana walakkaatti argama. Lafti bulchaa sanaaf kenname sunis daangaa Yihuudaatii fi daangaa Beniyaam gidduutti argama.
EZE 48:23 “Qoodni gosoota hafanii kan armaan gad jiruu dha: “Gosti Beniyaam qooda tokko qabaata; kunis gara baʼaatii hamma gara dhiʼaatti balʼata.
EZE 48:24 Gosti Simiʼoon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Beniyaam daangessa.
EZE 48:25 Gosti Yisaakorii qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Simiʼoon daangessa.
EZE 48:26 Gosti Zebuuloon qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Yisaakor daangessa.
EZE 48:27 Gosti Gaad qooda tokko qabaata; kunis baʼaa hamma lixaatti biyya Zebuuloon daangessa.
EZE 48:28 Daangaan Gaad kan karaa kibbaa sun Taamaarii jalqabee hamma bishaan Mariibaa Qaadeshiitti, ergasiis ededa Laga Gibxi irra hamma Galaana Guddichaatti gara Kaabaa deema.
EZE 48:29 “Kunis biyya isin dhaala gootanii ixaadhaan gosoota Israaʼeliif qoqqooduu qabdanii dha; isaan kunneenis qoodawwan isaanii taʼan” jedha Waaqayyo Gooftaan.
EZE 48:30 “Karrawwan magaalaa sana keessaa ittiin baʼan kanneenii dha: “Karaa kaabaatii jalqabee kan dhundhuma 4,500 dheeratu,
EZE 48:31 karrawwan magaalaa sanaa maqaa gosoota Israaʼeliin moggaafamu. Karrawwan sadan karaa kaabaatiin jiran karra gosa Ruubeen, karra gosa Yihuudaa fi karra gosa Lewwii taʼu.
EZE 48:32 Karaa baʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Yoosef, karra Beniyaamii fi karra Daan.
EZE 48:33 Karaa kibbaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Simiʼoon, karra Yisaakorii fi karra Zebuuloon.
EZE 48:34 Karaa dhiʼaa karrawwan dhundhuma 4,500 dheeratan sadiitu jira; isaanis karra Gaad, karra Aasheerii fi karra Niftaalem.
EZE 48:35 “Naannoon magaalaa sanaa guutumaan guutuutti dhundhuma 18,000 taʼa. “Maqaan magaalaa sanaas yeroo sanaa jalqabee, ‘Waaqayyo achi jira taʼa.’ ”
DAN 1:1 Bara Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa keessa, waggaa sadaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Yerusaalemin marse.
DAN 1:2 Gooftaanis Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa tokko tokko wajjin dabarsee harka isaatti kenne. Miʼoota kanneenis gara mana Waaqa isaa, gara Baabilonitti geeffatee mankuusaa mana Waaqa isaa keessa kaaʼate.
DAN 1:3 Mootichis ergasii Ashfenaz itti gaafatamaa qondaaltota isaa sana waamee akka inni Israaʼeloota sanyii moototaatii fi maatii ulfina qabeeyyii taʼan tokko tokko ol galchu ajaje;
DAN 1:4 isaanis dargaggeeyyii hirʼina dhagnaa hin qabne, babbareedoo, kanneen barumsa gosa kamii iyyuu barachuuf dandeettii ogummaa qaban, kanneen beekumsaan badhaadhan, kanneen waan hunda hubachuu dandaʼanii fi masaraa mootummaa keessa tajaajiluuf gaʼumsa qaban turan. Innis afaanii fi katabbii Baabilonotaa isaan barsiisuu qaba ture.
DAN 1:5 Mootichis nyaataa fi daadhii wayinii kan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu maaddii mootummaa irraa isaaniif ajaje. Isaanis tajaajila mootichaa seenuuf waggaa sadii leenjifamuu qabu ture.
DAN 1:6 Isaan kanneen keessaa warri Yihuudaadhaa dhufan Daaniʼel, Hanaaniyaa, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa turan.
DAN 1:7 Itti gaafatamaan qondaaltotaa sun Daaniʼeliin Beelxishaazaar, Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Miishaaʼeelin, Meeshak, Azaariyaadhaan immoo Abdanaagoo jedhee maqaa haaraa baaseef.
DAN 1:8 Daaniʼel garuu nyaataa fi daadhii wayinii mootichaatiin of xureessuu dide; innis akkasiin akka of hin xureessineef itti gaafatamaa qondaaltotaa sana eeyyama gaafate.
DAN 1:9 Waaqnis yeroo kanatti akka Daaniʼel fuula qondaala sanaa duratti surraa fi gara laafina argatu godhe;
DAN 1:10 qondaalli sun garuu Daaniʼeliin, “Ani gooftaa koo isa nyaataa fi dhugaatii keessan isiniif ramade sana nan sodaadha; inni maaliif dargaggoota hiriyoota keessan kaan caalaa huqqattanii isin arga? Kanaan isin mootichi balaa mataa kootti fiddu” jedhe.
DAN 1:11 Kana irratti Daaniʼel waardiyyaa itti gaafatamaan qondaaltotaa sun Daaniʼelii fi Hanaaniyaa irratti, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa irratti muude Meldaariin akkana jedhe;
DAN 1:12 “Maaloo tajaajiltoota kee bultii kudhaniif ilaali; biqiltuu nyaatamuu fi bishaan dhugamu malee waan biraa nuuf hin kennin.
DAN 1:13 Sana booddee bifa keenyaa fi bifa dargaggoota nyaata mootii nyaatanii wal biratti ilaali; waan argite irratti hundaaʼiitii tajaajiltoota kee irratti waan feete murteessi.”
DAN 1:14 Innis yaada kana fudhatee bultii kudhan isaan qore.
DAN 1:15 Dhuma bultii kurnan sanaattis isaan dargaggoota nyaata mootii nyaatan sana caalaa fayyaaleyyii fi warra dhagni isaanii furdatee miidhage taʼanii argaman.
DAN 1:16 Kanaafuu waardiyyaan sun qooda nyaata filatamaa fi daadhii wayinii kan isaan dhuguu qaban sanaa raafuu qofa isaaniif kenne.
DAN 1:17 Waaqnis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture.
DAN 1:18 Yommuu guyyaan mootichi akka isaan gara isaatti dhiʼaatan murteesse gaʼettis, qondaalli hangaftichi fuula Nebukadnezar duratti isaan dhiʼeesse.
DAN 1:19 Mootichis isaan haasofsiise; innis nama Daaniʼeliin, Hanaaniyaan, Miishaaʼeelii fi Azaariyaan qixxaatu tokko illee hin arganne; kanaafuu isaan hojii mootichaa jalqaban.
DAN 1:20 Mootichis waaʼee ogummaa fi beekumsaa kan isaan gaafate hundaan akka isaan ilaaltotaa fi falfaltoota biyyattiitti argaman hunda harka kudhan caalan arge.
DAN 1:21 Daaniʼelis hamma waggaa tokkoffaa Qiiros mootichaatti achuma ture.
DAN 2:1 Nebukadnezar bara mootummaa isaa keessa, waggaa lammaffaatti abjuu abjoote; hafuurri isaa jeeqamee hirribas rafuu dadhabe.
DAN 2:2 Kanaafuu mootichi akka isaan abjuu inni abjoote sana itti himaniif tolchitoota, mortoota, falfaltootaa fi warra urjii ilaalan waamsise; isaanis ol galanii fuula isaa dura dhadhaabatan;
DAN 2:3 mootichis, “Ani abjuu na dhiphise tokko nan abjoodhe; hiikkaa abjuu sanaa maal akka taʼe beekuu nan barbaada” jedheen.
DAN 2:4 Kana irratti warri urjii ilaalan sun afaan Araamaayikiitiin mootichaan, “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Abjuu kee tajaajiltoota keetti himi; nu siif hiiknaa” jedhanii mootichaaf deebisan.
DAN 2:5 Mootichis warra urjii ilaalan sanaan akkana jedhe; “Ani waan kana murteesseera: Yoo isin abjuu koo fi hiikkaa isaa natti himuu baattan ani isinan kukkuta; manneen keessanis tuulaa waan diigamee taʼu.
DAN 2:6 Garuu yoo abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himtan isin kennaa, badhaasaa fi ulfina guddaa narraa argattu. Kanaafuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himaa.”
DAN 2:7 Isaan amma illee deebisanii, “Mootichi abjuu isaa tajaajiltoota isaatti haa himu; nu ni hiiknaaf” jedhan.
DAN 2:8 Kana irratti mootichi akkana jedhee deebiseef; “Ani akka isin sababii waan ani cimsee murteesse beektaniif, akka isin yeroo dheeressuu yaalaa jirtan hubadheera:
DAN 2:9 Yoo isin abjuu sana natti himuu baattan, adabbii tokkotu isin eeggata. Isin waan haalli geeddaramu seetanii dubbii dogoggorsaa fi hamaa natti himuu mariʼattaniirtu. Kanaafuu abjuu sana natti himaa; anis akka isin hiikkaa isaa natti himuu dandeessan kanaan nan beekaa.”
DAN 2:10 Warri urjii ilaalan sunis akkana jedhanii mootichaaf deebise; “Namni waan mootichi gaafate kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu lafa irratti hin argamu! Mootiin kam iyyuu hammuma fedhee guddaa fi jabaa taʼu illee tolchituu, moortuu yookaan warra urjii ilaalu kam iyyuu gaaffii akkanaa gaafatee hin beeku.
DAN 2:11 Wanni mootichi gaafate akka malee rakkisaa dha. Waaqota malee namni tokko iyyuu waan kana mootichaaf ibsuu hin dandaʼu; isaan immoo namoota gidduu hin jiraatan.”
DAN 2:12 Wanni kunis mooticha akka malee aarse; isa dallansiisees akka inni ogeeyyii Baabilon hundatti murtii duʼaa muru godhe.
DAN 2:13 Kanaafuu akka namoonni ogeeyyiin hundi ajjeefaman labsiin baʼe; namoonnis akka Daaniʼelii fi michoota isaa barbaadanii ajjeesaniif ergaman.
DAN 2:14 Yommuu Ariyook itti gaafatamaan eegumsa mootichaa namoota Baabilon ogeeyyii ajjeesuuf baʼetti, Daaniʼel ogummaa fi malaan isa haasofsiise.
DAN 2:15 Innis qondaala mootichaatiin, “Mootichi maaliif labsii cimaa akkasii baase?” jedhee gaafate. Ariyookis waan sana Daaniʼelitti hime.
DAN 2:16 Kana irratti Daaniʼel ol seenee akka abjuu sana isaaf hiikuuf akka mootichi yeroo isaa kennu gaafate.
DAN 2:17 Ergasii Daaniʼel gara mana isaatti deebiʼee waan sana michoota isaa Hanaaniyaatti, Miisaaʼelii fi Azariyaatti hime.
DAN 2:18 Kanaafuu akka innii fi michoonni isaa ogeeyyiin Baabilon kaan hin ajjeefamneef akka isaan waaʼee icciitii kanaa Waaqa samii araara kadhatan isaan akeekkachiise.
DAN 2:19 Halkan sanas icciitiin sun mulʼataan Daaniʼelitti mulʼifame. Ergasiis Daaniʼel Waaqa samii galateeffatee
DAN 2:20 akkana jedhe: “Maqaan Waaqaa bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu; ogummaanii fi humni kan isaa ti.
DAN 2:21 Inni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. Inni ogeeyyiif ogummaa, beektotaafis hubannaa ni kenna.
DAN 2:22 Inni waan gad fagoo fi waan dhokfame ni mulʼisa; waan dukkana keessa jiru ni beeka; ifnis isa wajjin jiraata.
DAN 2:23 Yaa Waaqa abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas: Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta; waan nu si kadhanne na beeksifteerta; ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta.”
DAN 2:24 Daaniʼelis Ariyook isa mootichi akka inni ogeeyyii Baabilon ajjeesuuf ajaje sana bira deemee, “Ati ogeeyyii Baabilon hin ajjeesin. Mooticha biratti na geessi; ani abjuu isaa nan hiikaaf” jedheen.
DAN 2:25 Ariyookis Daaniʼelin mooticha bira geessee, “Ani boojiʼamtoota Yihuudaa keessaa nama hiikkaa abjuu mootichaa himuu dandaʼu tokko argeera” jedheen.
DAN 2:26 Mootichis Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanaan, “Ati abjuu ani argee fi hiikkaa isaa natti himuu dandeessaa?” jedhe.
DAN 2:27 Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Namni ogeessi kam iyyuu, mortuun, tolchituun yookaan ilaaltuun icciitii waan mootichi gaafate sanaa ibsuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru;
DAN 2:28 garuu Waaqni icciitii mulʼisuu tokko samii irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha:
DAN 2:29 “Yaa mooticha utuu ati ciiftee jirtuu wanni gara fuula duraatti taʼuuf jiru yaada keetti dhufe; inni icciitii mulʼisus waan fuula duratti taʼu sitti argisiise.
DAN 2:30 Yaa mootii, akka kootti sababiin icciitiin kun natti mulʼateef ani namoota jiraatoo kaan caalaa ogummaa qabaadheef utuu hin taʼin, akka ati hiikkaa isaa beektee waan yaada kee keessa jiru hubattuuf.
DAN 2:31 “Yaa mootii, ati ni ilaalte; fuula kee duras fakkii guddaa jechuunis fakkii akka malee guddaa, bifa calaqqisaa fi sodaachisaa tokkotu ture.
DAN 2:32 Mataan fakkii sanaas warqee qulqulluu irraa, qomaa fi irreen isaa meetii irraa, garaa fi tafni isaa naasii irraa hojjetaman;
DAN 2:33 miilli isaa sibiila irraa, faanni isaa gartokko sibiila irraa, gartokko immoo suphee irraa hojjetame.
DAN 2:34 Utuma ati ilaalaa jirtuu dhagaan tokko utuu harki namaa hin tuqin fottoqe. Innis miilla fakkii sanaa kan sibiilaa fi suphee irraa hojjetame dhaʼee caccabse.
DAN 2:35 Ergasii sibiilli, supheen, naasiin, meetii fi warqeen sun yeruma tokkotti caccabanii akkuma habaqii yeroo bonaa oobdii irra jiruu taʼan. Bubbeenis utuu waan tokko illee hin hambisin haree deeme. Dhagaan fakkii sana caccabse sun garuu tulluu guddaa taʼee lafa hunda guute.
DAN 2:36 “Abjuun sun kana ture; nus mootichaaf ni hiikna.
DAN 2:37 Yaa mootii, ati mootii moototaa ti. Waaqni samii mootummaa fi humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera;
DAN 2:38 inni sanyii namaa, bineensota bosonaatii fi simbirroota samii dabarsee harka keetti siif kenneera. Lafa isaan jiraatani kamitti iyyuu hunda isaanii irratti bulchaa si godheera. Ati mataa warqee ti.
DAN 2:39 “Siʼiin duuba mootummaan mootummaa keetii gadii biraa tokko ni kaʼa. Itti aansee mootummaan Naasii sadaffaan kan tokko guutummaa lafaa ni bulcha.
DAN 2:40 Dhuma irrattis mootummaan afuraffaan akkuma sibiilaa jabaa taʼe tokko ni kaʼa; sibiilli waan hunda caccabsee bulleessaatii; mootummaan kunis akkuma sibiilli waan hunda caccabsee balleessu sana mootummoota isa duraan turan hunda caccabsee ni bulleessa.
DAN 2:41 Akkuma ati akka faannii fi qubni miilla isaa gartokko suphee, gartokko immoo sibiila taʼe argite sana mootummaan kun mootummaa gargar qoodame taʼa; taʼus inni akkuma sibiila gartokkeen isaa supheedhaan makame kan ati argite sanaa jabina sibiilaa of keessaa ni qabaata.
DAN 2:42 Akkuma qubni miillaa sun gartokko sibiila, gartokko immoo suphee taʼe sana mootummaan kunis gartokko jabaa, gartokko immoo dadhabaa taʼa.
DAN 2:43 Akkuma ati sibiila supheedhaan wal make argite sana uummanni kunis walmakaa taʼa; innis siʼachi sibiilaa fi supheen walitti makame sana caalaa tokko taʼee hin jiraatu.
DAN 2:44 “Bara mootota sanaa keessa, Waaqni samii mootummaa gonkumaa hin diigamne yookaan saba biraatiif hin kennamne hundeessa. Innis mootummoota duraa sana ni barbadeessa; hamma dhumaattis isaan balleessa; inni mataan isaa garuu bara baraan jabaatee ni dhaabata.
DAN 2:45 Hiikkaan mulʼata dhagaa utuu harka namaatiin hin taʼin ofuma isaatiin tulluu irraa fottoqee sibiila, naasii, suphee, meetii fi warqee caccabse sanaa kanaa dha. “Waaqni guddaan waan gara fuula duraatti taʼu mootichatti argisiiseera. Abjuun sun dhugaa dha; hiikkaan isaas amanamaa dha.”
DAN 2:46 Nebukadnezar mootichi addaan lafatti gombifamee Daaniʼeliif sagade; ulfinas kenneef; akka aarsaa fi ixaana isaaf dhiʼeessanis ajaje.
DAN 2:47 Mootichis Daaniʼeliin, “Ati dhoksaa kana mulʼisuu dandeesseertaatii dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqotaatii fi Gooftaa moototaa kan dhoksaa mulʼisuu dha” jedhe.
DAN 2:48 Ergasii mootichi Daaniʼeliif taayitaa guddaa kennee, kennaa akka malee baayʼees itti dhangalaase. Bulchaa guutummaa kutaalee biyyaa Baabilon isa godhee namoota Baabilon hunda irratti isa muude.
DAN 2:49 Daaniʼel mooticha kadhannaan mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo bulchitoota biyya Baabilon godhee muude. Daaniʼel garuu mana mootichaa keessatti hafe.
DAN 3:1 Nebukadnezar Mootichi fakkii warqee kan dheerinni isaa dhundhuma jaatamaa fi balʼinni isaa dhundhuma jaʼaa hojjetee kutaa biyyaa Baabilon keessa dirree Duuraa jedhamu irra dhaabe.
DAN 3:2 Ergasii mootichi akka isaan eebba fakkii inni dhaabe sanaa irratti argamaniif ilmaan mootota, muudamoota, bulchitoota gorsitoota, itti gaafatamtoota mankuusa qabeenyaa, abbootii murtii, hayyoota seeraatii fi qondaaltota biyya hundaa waame.
DAN 3:3 Kanaafuu eebba fakkii Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaa irratti argamuuf ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonni, gorsitoonni, itti gaafatamtoonni mankuusa qabeenyaa, abbootiin murtii hayyoonni seeraa biraatii fi qondaaltonni biyyaa hundi walitti qabamanii fuula fakkii sanaa dura dhadhaabatan.
DAN 3:4 Kana irratti labsituun tokko akkana jedhee sagalee guddaadhaan labse; “Yaa namoota, sabootaa fi namoonni afaan garaa garaa dubbattan hundi, wanni isin akka gootan ajajamtan kanaa dha:
DAN 3:5 Isin akkuma sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirbaa dhageessaniin addaan lafatti gombifamtanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabeef sagaduu qabdu.
DAN 3:6 Namni addaan lafatti gombifamee hin sagadne kam iyyuu yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatama.”
DAN 3:7 Kanaafuu namoonni, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatan hundi yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa fi sirbaa hunda dhagaʼanitti addaan lafatti gombifamanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaaf sagadan.
DAN 3:8 Yeroo kanatti Kaldoonni tokko tokko gara fuula duraatti dhufanii dabaan Yihuudoota himatan.
DAN 3:9 Isaanis Nebukadnezar Mootichaan akkana jedhan; “Yaa mootii, ati bara baraan jiraadhu!
DAN 3:10 Yaa mootii, ati akka namni kam iyyuu yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa kan faaggaatii fi kan sirbaa dhagaʼu kam iyyuu addaan lafatti gombifamee fakkii warqee sanaaf sagaduu qabu seera baafteerta;
DAN 3:11 akka namni lafatti gombifamee sagaduu didu kam iyyuus boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamu seera baafteerta.
DAN 3:12 Garuu yaa Mooticha, Yihuudoonni ati dhimma biyya Baabilon irratti muudde tokko tokko ajaja kee didaniiru; isaanis Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo dha. Isaan waaqota kee hin tajaajilan yookaan fakkii warqee ati dhaabdeef hin sagadan.”
DAN 3:13 Nebukadnezaris akka malee aaree Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo waamsise. Kanaafuu namoonni kunneen mooticha duratti dhiʼeeffaman;
DAN 3:14 Nebukadnezaris akkana isaaniin jedhe; “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, isin dhugumaan waaqota koo hin tajaajiltanii? Yookaan fakkii warqee ani dhaabeef hin sagaddanii?
DAN 3:15 Amma isin yeroo sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirba kam iyyuu dhageessanitti kuftanii fakkii ani dhaabeef yoo sagaddan gaarii dha. Garuu yoo isin sagaduu baattan, yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamtu. Egaa waaqa kamitu harka kootii isin baasuu dandaʼa?”
DAN 3:16 Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon deebisanii mootichaan akkana jedhan; “Yaa Nebukadnezar, nu fuula kee duratti waan kana falmachuu hin barbaannu.
DAN 3:17 Yaa Mootii, nu yoo boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamne, Waaqni nu isa tajaajillu sun nu oolchuu dandaʼa; harka keetii illee nu baasuu dandaʼa.
DAN 3:18 Yaa Mootii, yoo inni nu baasuu baate iyyuu nu waaqota kee akka hin tajaajille yookaan fakkii warqee ati dhaabde sanaaf akka hin sagadne akka beektu barbaanna.”
DAN 3:19 Kana irratti Nebukadnezar akka malee aaree fuulli isaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagootti geeddarame. Akka ibiddi boollaa sunis hamma durii caalaa harka torba hoʼee finiinu ajaje;
DAN 3:20 akka isaan Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo hidhanii boolla ibiddi keessaa bobaʼu sanatti darbataniif loltoota isaa keessaa jajjaboo tokko tokko ajaje.
DAN 3:21 Kanaafuu namoonni kunneen akkuma wandaboo isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii kan mataatii fi uffata biraas uffatanitti hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sanatti darbataman.
DAN 3:22 Ajajni mootichaa akka malee ariifachiisaa ture; sababii ibiddi boollaa sun akka malee bobaʼaa tureef arrabni ibidda sanaa loltoota Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo geessan sana fixe;
DAN 3:23 namoonni sadan kunneenis jabeeffamanii hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sana keessatti kufan.
DAN 3:24 Nebukadnezar Mootichi dinqisiifachuudhaan utaalee kaʼee, “Namoonni nu hiinee ibiddatti darbanne sadii hin turree?” jedhee gorsitoota isaa gaafate. Isaanis, “Yaa Mootii, kun dhuguma” jedhanii deebisan.
DAN 3:25 Innis, “Ilaa! Ani namoota ibidda keessa deddeebiʼan afur nan arga; isaanis hin hidhamne; hin miidhamnes; inni afuraffaan immoo ilma waaqotaa fakkaata” jedheen.
DAN 3:26 Nebukadnezaris gara afaan boolla ibiddi keessaa bobaʼutti dhiʼaatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii, kottaa baʼaa! As kottaa” jedhe. Akkasiin Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon ibidda keessaa baʼan;
DAN 3:27 ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonnii fi gorsitoonni mootii naannoo isaaniitti walitti qabaman. Isaanis akka ibiddi sun dhagna jaraa hin miidhin yookaan akka rifeensa mataa isaanii keessaa tokko iyyuu hin gubatin ni argan; wandaboon isaanii iyyuu homaa hin taane; fooliin ibiddaas isaan irra hin turre.
DAN 3:28 Kana irratti Nebukadnezar akkana jedhe; “Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo isa ergamaa isaa ergee tajaajiltoota isaa baraareef galanni haa taʼu! Isaan isa amanatanii ajaja mootii didanii akka Waaqa isaanii malee waaqota biraa hin tajaajille yookaan hin waaqeffanne lubbuu isaanii dabarsanii kennaniiru.
DAN 3:29 Kanaafuu Waaqni akkasitti nama oolchu kan biraa Waaqa hin jirreef, ani akka uummanni saba kamii iyyuu yookaan afaan kamii iyyuu yoo Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo irratti waan hamaa dubbate kukkutamu, akka manni isaas tuullaa waan diigamee taʼu labseera.”
DAN 3:30 Ergasii mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo kutaa biyyaa Baabilon irratti muude.
DAN 4:1 Nebukadnezar Mooticha irraa, Sabootaa fi namoota afaan garaa garaa dubbatan kanneen guutummaa addunyaa irra jiraatan hundaaf: Nagaan isiniif haa baayʼatu!
DAN 4:2 Mallattoowwanii fi hojiiwwan dinqii kanneen Waaqni Waan Hundaa Olii naaf godhe isinitti himuun na gammachiisa.
DAN 4:3 Mallattoowwan isaa akkam gurguddaa dha;
DAN 4:4 Ani Nebukadnezar natti tolee masaraa mootummaa koottis qananiidhaan mana koo nan jiraadhan ture.
DAN 4:5 Ani abjuu na sodaachise tokko nan arge. Utuu ani siree koo irra ciisee jiruu fakkii fi mulʼanni qalbii koo keessa darbu na sodaachise.
DAN 4:6 Kanaafuu ani akka isaan abjuu sana naa hiikaniif akka ogeeyyiin Baabilon hundi fuula koo duratti dhiʼeeffaman nan ajaje.
DAN 4:7 Yommuu tolchitoonni, mortoonni, warri urjii ilaalanii fi waa himtoonni dhufanitti abjuu sana isaanitti nan hime; isaan garuu naaf hiikuu hin dandeenye.
DAN 4:8 Dhuma irratti Daaniʼel fuula duratti dhiʼaate; anis abjuu sana isatti nan hime. Inni Beelxishaazaari jedhamee maqaa waaqa kootiin waamama; hafuurri waaqota qulqulluu isa keessa ture.
DAN 4:9 Anis akkanan jedhe; “Yaa Beelxishaazaari, hangafa tolchitootaa, ani akka hafuurri waaqota qulqulluu si keessa jiru nan beeka; icciitiin kam iyyuu sitti hin ulfaatu. Abjuun ani arge kana; hiikkaa isaa natti himi.
DAN 4:10 Mulʼanni utuun siree koo irra ciisee jiruu arge isa kanaa dha: Ani nan ilaale; mukni tokko fuula koo dura walakkaa lafaa dhaabatee ture. Dheerinni isaas guddaa ture.
DAN 4:11 Mukni sun akka malee guddatee jabaate; fiixeen isaas samii tuqe; hamma daarii lafaattis ni mulʼata ture.
DAN 4:12 Baalli isaa bareedaa, iji isaa akka malee baayʼee ture; mukicha irras nyaata waan hundaaf taʼutu ture. Bineensonni gaaddisa isaa jala boqotu; simbirroon samiis dameellee isaa irra jiraatu; lubbuu qabeeyyiin hundinuus isa irraa nyaatu ture.
DAN 4:13 “Ani mulʼata utuun siree koo irra ciisee jiruu arge sana keessatti nan ilaale; fuula koo duras ergamaa qulqulluu samiidhaa gad buʼaa jiru tokkotu ture.
DAN 4:14 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe: ‘Mukicha muraa; dameewwan isaa cicciraa; baala isaa harcaasaa; ija isaa bittinneessaa. Bineensonni isa jalaa, simbirroonnis dameewwan isaa irraa haa baqatani.
DAN 4:15 Gufuu fi hiddi isaa garuu sibiilaa fi naasiidhaan hidhamee lafa keessa, marga dirree keessa haa turu. “ ‘Inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; biqiltuu keessas bineensota wajjin haa jiraatu.
DAN 4:16 Qalbiin isaas qalbii namaa irraa geeddaramee qalbiin horii isaaf haa kennamu; kunis hamma waggaan torba darbutti haa taʼu.
DAN 4:17 “ ‘Akka namni lubbuun jiraatu hundinuu akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa barbaadeef isaan kennee nama namoota hundaa gad taʼe isaanitti muudu beekaniif ergatamtoonni murtii labsanii qulqulloonni murtoo lallaban.’
DAN 4:18 “Abjuun ani Nebukadnezar mootiin arge kanaa dha. Egaa yaa Beelxishaazaari waan namoota mootummaa kootii qaqqaroo keessaa tokko iyyuu naa hiikuu hin dandeenyeef abjuun sun maal akka taʼe natti himi. Ati garuu sababii hafuurri waaqota qulqulluu si keessa jiruuf ni dandeessa.”
DAN 4:19 Ergasii Daaniʼel inni Beelxishaazaari jedhamu sun yeroodhaaf akka malee jeeqamee yaadni isaas isa rifachiise. Kanaafuu mootichi, “Yaa Beelxishaazaar, abjuun kun yookaan hiikkaan isaa si hin rifachiisin” jedhe. Beelxishaazaaris akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo abjuun kun warra si jibbaniif, hiikkaan isaa immoo diinota keetiif haa taʼu!
DAN 4:20 Mukni ati argite kan akka malee guddatee fi cimaan, kan fiixeen isaa samii tuqee hamma daarii lafaatti mulʼatu,
DAN 4:21 kan baalli isaa bareedu, kan ija baayʼee qabu, kan iji isaa waan hundaaf nyaata taʼu, kan bineensotaaf gaaddisa, kan damee isaa irratti simbirroonni samii mandhee ijaarratan,
DAN 4:22 yaa Mootii, mukni sun siʼi! Ati guddaa fi jabaa taateerta; guddinni kee hamma samii gaʼutti ol baʼee bulchiinsi kees hamma daarii lafaatti balʼata.
DAN 4:23 “Yaa Mootii, ati ergamaa qulqulluu tokko utuu inni, ‘Mukicha muraa balleessaa; gufuu fi hidda isaa garuu sibiilaa fi naasiidhaan hidhaatii lafa keessatti marga dirree irratti dhiisaa; inni fixeensa samiitiin haa jiidhu; akka bineensota bosonaatti haa jiraatu; waggaan torbas isa haa darbu’ jechaa samiidhaa buʼu argite.
DAN 4:24 “Yaa Mootii hiikkaan isaa kana; labsiin Waaqni Waan Hundaa Olii gooftaa koo irratti baases kana:
DAN 4:25 Ati saba keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta; akka loonii marga nyaatta; fixeensa samiitiinis ni jiita. Ati hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni mootummoota kanas abbaa barbaadeef kennuu dandaʼu beektutti waggaan torba si darba.
DAN 4:26 Ajajni akka gufuun muka sanaa hidda isaa wajjin hafuuf kenname sunis akka mootummaan kee yeroo ati ol aantummaan kan samii taʼe beektutti siif deebifamu argisiisa.
DAN 4:27 Kanaafuu yaa Mootii, gorsa koo fudhadhu: Waan qajeelaa hojjechuudhaan cubbuu kee of irraa haqi; hammina kees cunqurfamtootaaf garaa laafuudhaan of irraa balleessi; yoos barri jireenya keetii ni dheerataa.”
DAN 4:28 Kun hundi Nebukadnezar Mooticha irra gaʼe.
DAN 4:29 Jiʼa kudha lama booddee mootichi utuu gubbaa masaraa mootummaa Baabilon irra asii fi achi deddeebiʼaa jiruu,
DAN 4:30 “Kun Baabilon guddittii ani akka isheen mana jireenya mootii taatuuf ulfina maqaa kootiif jedhee humna koo jabaadhaan ijaare sanaa mitii?” jedhe.
DAN 4:31 Utuu inni dubbii isaa afaanii hin fixatin sagaleen akkana jedhu tokko samiidhaa dhufe; “Yaa Nebukadnezar Mooticha, wanni sirratti labsame kana: Aangoon mootummaa keetii sirraa fudhatameera.
DAN 4:32 Ati uummata keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta. Akka looniis marga nyaatta. Hamma ati akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti Gooftaa taʼee fi akka inni mootummoota sana abbaa fedheef kennu beektutti waggaan torba si darba.”
DAN 4:33 Yommusuma wanni waaʼee Nebukadnezar dubbatame sun ni raawwatame. Innis uummata keessaa ariʼamee akka loonii marga nyaate. Inni hamma rifeensi isaa akka baallee risaa guddatee qeensi isaa akka qeensa allaattii fakkaatutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe.
DAN 4:34 Dhuma yeroon sanaatti, ani Nebukadnezar gara samii ol nan ilaale; qalbiin koos naa deebiʼe. Anis Waaqa Waan Hundaa Olii nan galateeffadhe; isa bara baraan jiraatus nan jajadhe; ulfinas nan kenneef.
DAN 4:35 Uummanni lafaa hundi
DAN 4:36 Akkuma qalbiin koo naaf deebiʼeenis, ulfina mootummaa kootiitiif ulfinnii fi miidhaginni koo yommusuma naaf deebiʼan. Gorsitoonnii fi qondaaltonni koo na barbaadan; anis teessoo kootti deebifamee kan durii caalaas guddaa nan taʼe.
DAN 4:37 Sababii wanni inni hojjetu hundi dhugaa, karaan isaa hundinuus qajeelaa taʼeef ani Nebukadnezar, Mooticha samii sana nan jajadha; isa nan leellisa; ulfinas nan kennaaf. Inni warra of tuulan gad deebisuu dandaʼaatii.
DAN 5:1 Beelshaazaar mootichi qondaaltota isaa kuma tokkoof dhangaa guddaa qopheessee fuula isaanii duratti daadhii wayinii dhuge.
DAN 5:2 Beelshaazaaris utuu daadhii wayinii dhugaa jiruu akka innii fi qondaaltonni isaa, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhuganiif akka isaan xoofoo warqeetii fi meetii kan abbaan isaa Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalemii fide sana fidan ajaje.
DAN 5:3 Kanaafuu isaan xoofoo warqee kan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalemii fudhataman sana fidan; mootichi, qondaaltonni, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhugan.
DAN 5:4 Isaan utuma daadhii wayinii sana dhugaa jiranuu, waaqota warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan mukaatii fi dhagaa galateeffatan.
DAN 5:5 Akkuma tasaa qubni harka namaa mulʼatee keenyan manaa kan masaraa mootii keessa baattuu ibsaa bira jiru irratti barreesse. Mootichis harka sana utuu inni barreessuu arge.
DAN 5:6 Fuulli mootichaa ni geeddaramee; innis sodaadhaan guutamee jilbii isaa hollatee waldhaʼe; miilli isaas ni laafe.
DAN 5:7 Mootichis sagalee isaa ol fuudhee akka mortoota, warra urjii ilaalanii fi ilaaltota ol isaaf galchan ajaje. Ogeeyyii Baabiloniinis akkana jedhe; “Nama katabbii kana dubbisee hiikkaa isaa natti himu kamitti iyyuu uffanni diimaan dhiilgeen uffifamee morma isaatti faayi warqee ni kaaʼamaaf; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼa.”
DAN 5:8 Ergasiis ogeeyyiin mootichaa hundi ol seenan; isaan keessaa garuu namni katabbii sana dubbisuu yookaan hiikkaa isaa mootichatti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin argamne.
DAN 5:9 Kana irratti Beelshaazaar mootichi kan duraa caalaa sodaatee fuulli isaa geeddarame; qondaaltonni isaas waan godhan wallaalan.
DAN 5:10 Mootittiinis waca mootichaatii fi qondaaltota isaa dhageessee galma cidha sanaa ol seente. Isheenis akkana jette; “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Hin rifatin; fuulli kees hin geeddaramin!
DAN 5:11 Mootummaa kee keessa namichi hafuurri waaqota qulqullootaa keessa jiru tokko jira. Namichi kun bara abbaa keetii keessa nama hubannaa, beekumsaa fi ogummaa akkuma waaqotaa qabu taʼee argame. Abbaan kee Nebukadnezar Mootichi, itti gaafatamaa tolchitootaa, mortootaa, kan warra urjii ilaalaniitii fi ilaaltotaa godhee isa muudee ture.
DAN 5:12 Daaniʼel namichi mootichi Beelxishaazaari jedhee waamu kun nama hafuurri gaariin, beekumsii fi hubannaan keessa jiru taʼee argame; innis abjuu, hibboo fi rakkoo hiikuuf dandeettii addaa qaba ture. Daaniʼelin waami; innis hiikkaa katabbii kanaa sitti himaatii.”
DAN 5:13 Kanaafuu Daaniʼel fuula mootichaa duratti dhiʼeeffame; mootichis akkana jedheen; “Warra abbaan koo mootichi boojiʼee Yihuudaadhaa fide keessaa kan Daaniʼel jedhamu siʼii?
DAN 5:14 Ani akka hafuurri waaqotaa si keessa jiruu fi akka ati hubannaa, beekumsaa fi ogummaa addaa qabdu dhagaʼeera.
DAN 5:15 Ogeeyyiinii fi mortoonni akka katabbii kana dubbisanii hiikkaa isaa natti himaniif fuula koo duratti fidamanii turan; isaan garuu ibsuu hin dandeenye.
DAN 5:16 Ani akka ati hiikkaa kennitee rakkoofis fala kennuu dandeessu dhagaʼeera. Yoo ati katabbii kana dubbiftee hiikkaa isaa natti himuu dandeesse, uffata diimaa dhiilgeetu sitti uffifama; faayi warqees morma keetti siif kaaʼama; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taata.”
DAN 5:17 Kana irratti Daaniʼel deebisee mootichaan akkana jedhe; “Kennaan kee sumaaf haa hafu; badhaasni kee immoo nama biraatiif haa kennamu. Taʼu iyyuu ani katabbicha dubbisee hiikkaa isaa mootichatti nan hima.
DAN 5:18 “Yaa mootii, Waaqni Waan Hundaa Olii abbaa kee Nebukadnezariif surraa fi guddina, ulfinaa fi kabaja kenne.
DAN 5:19 Sababii ol aantummaa inni isaaf kenneef saboonnii fi mootummoonni hundi, namoonni afaan garaa garaa dubbatan ni hollataniif; isa sodaatanis. Mootichis warra ajjeesuu barbaade ni ajjeesa; warra oolchuu barbaade ni oolcha, kan muuduu barbaade ni muuda, kan salphisuu barbaades ni salphisa ture.
DAN 5:20 Gaafa garaan isaa of tuulee mataa jabaatetti garuu inni teessoo isaa irraa kaafamee ulfinni isaas isa irraa fudhatame.
DAN 5:21 Inni uummata keessaa ariʼamee qalbiin horii kennameef; harroota diidaa wajjin jiraatee akka loonii marga nyaate; inni hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa fedhe isaan irratti muudu beekutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe.
DAN 5:22 “Yaa Beelshaazaar, ati ilmi isaa utuma waan kana hunda beektuu mataa kee gad hin qabanne.
DAN 5:23 Qooda kanaa ati Gooftaa samii irratti mataa ol qabatte. Ati xoofoowwan mana qulqullummaa isaatii fichisiiftee atii fi qondaaltonni kee, niitonnii fi saajjatoowwan kee isaan keessaa dhugdan. Ati waaqota meetii, warqee, naasii, sibiilaa, mukaatii fi kan dhagaa kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan hubachuu hin dandeenye jajatte. Waaqa lubbuu keetii fi karaa kee hunda harka isaatti qabatee jiru garuu hin ulfeessine.
DAN 5:24 Kanaafuu inni harka katabbii sana barreesse erge.
DAN 5:25 “Katabbiin barreeffamee tures kana: Maanee, Maanee, Teeqeel, Faares.
DAN 5:26 “Hiikkaan isaas kana: “Maanee jechuun Waaqni bara kee murteessee gara dhumaatti fide jechuu dha.
DAN 5:27 “Teeqeel jechuun ati madaalliidhaan madaalamtee salphattee argamte jechuu dha.
DAN 5:28 “Faares jechuun mootummaan kee qoodamee namoota Meedeetii fi Faaresiitiif kenname jechuu dha.”
DAN 5:29 Ergasii ajaja Beelshaazaariin Daaniʼelitti uffata diimaa dhiilgee uffisan; morma isaattis faaya warqee kaaʼaniif; mootummaa sana irrattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼee muudame.
DAN 5:30 Halkanuma sana Beelshaazaar mootiin Baabilonotaa ajjeefame;
DAN 5:31 Daariyoos namichi Meedee umurii isaa jaatamii lammaffaatti mootummaa sana fudhate.
DAN 6:1 Daariyoos akka isaan guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota taʼaniif ilmaan moototaa 120 muuduu barbaade;
DAN 6:2 innis isaan irratti bulchitoota ol aantota sadii muude; isaan keessaas tokko Daaniʼel ture. Akka mooticha irra rakkinni hin geenyeefis ilmaan moototaa kunneen bulchitoota ol aantota sadan jalatti bulu.
DAN 6:3 Mootichi sababii Daaniʼel ilmaan moototaatii fi bulchitoota ol aantota kaan caalaa dandeettii addaa qabuuf isa jaallatee guutummaa mootummaa irratti isa muuduu barbaade.
DAN 6:4 Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye.
DAN 6:5 Dhuma irrattis namoonni kunneen, “Yoo waan seera Waaqa isaatiin wal qabatu taʼe malee waan ittiin namicha Daaniʼel jedhamu kana himannu tokko iyyuu hin argannu” jedhan.
DAN 6:6 Kanaafuu bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa tokkummaadhaan mooticha bira dhaqanii akkana jedhan; “Yaa Daariyoos mooticha, bara baraan jiraadhu!
DAN 6:7 Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee Waaqa yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru.
DAN 6:8 Yaa mootii, labsii baasi, akka seera Meedee fi Faares kan hin geeddaramne sanaas mallatteessi.”
DAN 6:9 Kanaafuu Daariyoos mootichi labsii sana barreessee baase.
DAN 6:10 Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef.
DAN 6:11 Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii kadhatuu fi Waaqa isaa gargaarsa gaafatuu argatan.
DAN 6:12 Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee Waaqa yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan. Mootichis, “Seerri sun seera akkuma seera Meedeetii fi Faares kan hin geeddaramnee dha” jedhee deebise.
DAN 6:13 Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii Waaqa isaa kadhata” jedhan.
DAN 6:14 Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe.
DAN 6:15 Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin.
DAN 6:16 Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe.
DAN 6:17 Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse.
DAN 6:18 Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule.
DAN 6:19 Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate.
DAN 6:20 Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Waaqa jiraataa, Waaqni ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame.
DAN 6:21 Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu!
DAN 6:22 Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.”
DAN 6:23 Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Waaqa isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne.
DAN 6:24 Warri sobaan Daaniʼelin himatanis ajaja mootichaatiin niitotaa fi ijoollee isaanii wajjin fidamanii boolla leencaatti darbataman. Utuu isaan boolla sana keessa lafa hin gaʼin leenconni isaan cicciratanii lafee isaanii hunda caccabsan.
DAN 6:25 Kana irratti Daariyoos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota guutummaa biyyattii keessatti afaan garaa garaa dubbatan hundatti akkana jedhee barreesse: “Nagaan isiniif haa baayʼatu!
DAN 6:26 “Ani akka namni kutaa mootummaa kootii hunda keessatti Waaqa Daaniʼel sodaatuu fi akka ulfina isaaf kennu labsii kana baaseera.
DAN 6:27 Inni ni baraara; ni oolchas;
DAN 6:28 Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole.
DAN 7:1 Bara Beelshaazaar mootii Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼata arge. Abjuu sanas barreessee waan arges ibse.
DAN 7:2 Daaniʼel akkana jedhe; “Ani halkan sana mulʼata koo keessatti nan ilaale; kunoo qilleensonni samii afran fuula koo duratti galaana guddaa raasaa turan.
DAN 7:3 Bineensonni gurguddaan tokkoon tokkoon isaanii wal hin fakkaanne afur galaana sana keessaa ol baʼan.
DAN 7:4 “Inni jalqabaa leenca fakkaata ture; qoochoowwan risaa qaba ture. Anis hamma qoochoowwan isaa irraa bubuqqaʼanitti nan ilaale; innis lafaa ol qabamee akkuma namaa miilla lamaan dhaabate; qalbiin namaas ni kennameef.
DAN 7:5 “Kunoo bineensi lammaffaan amaaketa fakkaatu fuula koo dura ture. Innis cinaacha isaa tokkoon ol jedhee ture; afaan isaa keessatti ilkaan isaa gidduutti lafee cinaachaa sadii qabatee ture. Bineensa sanaanis, ‘Kaʼiitii hamma quuftutti foon nyaadhu!’ jedhan.
DAN 7:6 “Ergasii ani nan ilaale; fuula koo duras bineensa biraa kan qeerransa fakkaatuttu ture. Dugda isaa irras qoochoo akka qoochoo simbirroo afurtu ture. Bineensi kun mataa afur qaba ture; akka bulchuufis aangoon isaa kenname.
DAN 7:7 “Ergasiis ani halkan keessa mulʼata nan arge; kunoo fuula koo dura bineensa afuraffaa akka malee jabaa, sodaachisaa nama rifachiisu tokkotu ture. Innis ilkaan sibiilaa dheeraa qaba ture; innis waan qabate caccabsee nyaatee kan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiita ture. Bineensi kun bineensota duraan turaniin adda taʼee gaanfa kudhan qaba ture.
DAN 7:8 “Utuu ani waaʼee gaanfawwan sanaa yaadaa jiruu gaanfi xinnaan isaan gidduudhaa baʼe biraa tokko fuula koo duratti mulʼate; gaanfawwan jalqabaa keessaa sadan isaanii fuula isaa duratti bubuqqaʼan. Gaanfi kunis ija ija namaa fakkaatuu fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qaba ture.
DAN 7:9 “Utuma ani ilaaluu, “Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman; Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe. Uffanni Isaa adii akka cabbii ture; rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture. Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa, geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.
DAN 7:10 Lagni ibiddaa tokko fuula isaa duraa ni yaaʼa ture. Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan; kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan. Dhaddachi taaʼamee ture; kitaabonnis banamanii turan.
DAN 7:11 “Ani sababii dubbii of tuulummaa gaanfi sun dubbachaa jiruutiif ilaaluu koo ittan fufe. Anis amma illee ittuma fufee hamma bineensi sun qalamee dhagni isaa barbadaaʼee ibidda bobaʼutti darbatamutti nan ilaale.
DAN 7:12 Bineensota kaan irraa immoo aangoon isaanii ni fudhatame; garuu akka isaan yeroof jiraatan ni eeyyamameef.
DAN 7:13 “Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa samiitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan.
DAN 7:14 Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.
DAN 7:15 “Ani Daaniʼel hafuura kootiin nan jeeqame; mulʼanni ani arges akka malee na sodaachise.
DAN 7:16 Anis warra achi dhadhaabachaa turan keessaa isa tokkotti dhiʼaadhee hiikkaa dhugaa kan waan kana hundaa nan gaafadhe. “Kanaafuu inni natti himee akkana jedhee hiikkaa waan kanaa anaaf ibse:
DAN 7:17 ‘Bineensonni gurguddaan afran mootota afran kaʼanii lafa irratti moʼanii dha.
DAN 7:18 Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
DAN 7:19 “Ergasiis ani hiikkaa dhugaa kan bineensa afuraffaa isa bineensota kaan irraa adda taʼee ilkaan sibiilaatii fi qeensa naasii qabu kan akka malee sodaachisaa taʼe kan waan qabate nyaatuu fi waan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiitu sanaa beekuu nan barbaade.
DAN 7:20 Akkasumas waaʼee gaanfawwan kurnan mataa isaa irra jiraniitii fi gaanfa baʼe inni biraa kan isaan kaan fuula isaa duratti kufanii, isa hunda isaanii caalu kan ijaa fi afaan ittiin of jajaa dubbatu qabu sanaa beekuu nan barbaade.
DAN 7:21 Gaanfi kunis utuma ani arguu qulqulloota irratti waraana labsee isaan moʼachaa ture;
DAN 7:22 kunis hamma Inni Bara Durii dhufee qulqulloota Waaqa Waan Hundaa Oliitiif murutti ture; yeroon itti qulqulloonni mootummaa dhaalanis ni dhufe.
DAN 7:23 “Innis akkana naan jedhe: ‘Bineensi afuraffaan sun mootummaa afuraffaa lafa irratti mulʼatuu dha. Inni mootummoota kaan hunda irraa adda; guutummaa lafaa barbadeessee gad dhidhiitee daaraa godha.
DAN 7:24 Gaanfawwan kurnan mootota kurnan mootummaa kana keessaa dhufanii dha. Isaan booddees mootiin biraa kan warra duraa irraa adda taʼe tokko ni kaʼa; innis mootota sadii of jala galfata.
DAN 7:25 Inni Waaqa Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu.
DAN 7:26 “ ‘Garuu dhaddachi ni taaʼama; aangoon isaas irraa fudhatamee inni bara baraan guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
DAN 7:27 Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa samii gaditti qulqulloota, Waaqa Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’
DAN 7:28 “Dhumni waan sanaa kana. Ani Daaniʼel yaada kootiin akka malee nan dhiphadhe; fuulli koo ni geeddarame; ani garuu waan sana garaa kootti qabadheen ture.”
DAN 8:1 Bara Beelshaazaar mootichaa keessa waggaa sadaffaatti, ani Daaniʼel, mulʼata duraan natti mulʼate sana booddee mulʼata tokko nan arge.
DAN 8:2 Anis mulʼata koo keessatti gamoo Suusaa kan kutaa biyyaa Eelaam keessattan of arge. Ani mulʼata sana keessatti Laga Uulayi biran ture.
DAN 8:3 Anis ija ol fudhadhee korbeessa hoolaa gaanfa lama qabu utuu laga cina dhaabatu nan arge; gaanfi isaas dheeraa ture. Gaanfa isaa keessaa inni tokko isa kaan irra dheerata; ergasii garuu ni guddate.
DAN 8:4 Ani utuu korbeessi hoolaa sun gara lixa biiftuutti, gara kaabaa fi gara kibbaatti jifatuu nan arge; horiin fuula isaa dura dhaabachuu dandaʼe tokko iyyuu hin turre; kan humna isaa jalaa baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Inni waanuma barbaade hojjetee guddaa taʼe.
DAN 8:5 Utuma ani waan kana yaadaa jiruu korbeessi reʼee kan ija isaa lamaan gidduudhaa gaanfa qabu tokko utuu lafa hin tuqin guutummaa lafaa qaxxaamuraa akkuma tasaa lixa biiftuutii dhufe.
DAN 8:6 Innis gara korbeessa hoolaa kan gaanfa lama qabu kan ani utuu inni laga cina dhaabatuu arge sanaa dhufee aarii guddaadhaan isa jifate.
DAN 8:7 Ani utuu inni akka malee aaree isa dhaʼee gaanfa isaa lamaanis isa irraa caccabsuu nan arge. Hoolaan sun of irraa isa dhowwuuf humna hin qabu ture; reʼeen sun lafaan isa dhaʼee of jalatti dhidhiite; hoolaa sanas humna isaa jalaa baasuu kan dandaʼu tokko iyyuu hin turre.
DAN 8:8 Reʼeen sunis akka malee guddate; garuu yeroo humni isaa jabaatetti gaanfi isaa guddichi isa irraa cabe; qooda isaas gaanfawwan afur guddatanii gara bubbeewwan samii afraniitti baʼan.
DAN 8:9 Afran isaanii keessaa isa tokko keessaa gaanfi biraa baʼe; innis xinnaa fakkaatee ergasii garuu humnaan jabaatee gara kibbaa, gara lixa biiftuutii fi Biyya Bareedduu sanaatti guddate.
DAN 8:10 Gaafni sunis hamma raayyaa samiiwwanii qaqqabee raayyaa urjiiwwanii keessaa tokko tokko lafatti gad darbatee of jalatti dhidhiitutti guddate.
DAN 8:11 Akka waan ajajaa loltoota Waaqaatiin wal qixxaateettis mataa ol qabate; aarsaa guyyaa guyyaa illee isa irraa fudhate; iddoon isaa qulqulluunis gad darbatame.
DAN 8:12 Sababii cubbuutiif raayyaan qulqullootaatii fi aarsaan guyyaa guyyaan dhiʼeeffamu dabarfamanii isaaf kennaman. Inni waan hojjetu hunda keessatti ni milkaaʼe; dhugaanis lafatti gatame.
DAN 8:13 Anis utuu qulqullichi dubbatuu nan dhagaʼe; qulqulluun kaan, “Mulʼanni waaʼee aarsaa guyyaa guyyaa, kan cubbuu badiisa fiduu, kan iddoo qulqulluutii fi raayyaawwan akka miilla jalatti dhidhiitamaniif dabarfamanii kennaman sanaa yoomi raawwata?” jedheen.
DAN 8:14 Innis, “Wanni sun galgalaa fi ganama 2,300 fudhata; ergasii iddoon qulqulluun deebiʼee ni qulqulleeffama” naan jedhe.
DAN 8:15 Utuma ani Daaniʼel mulʼata sana argee hiikkaa isaa hubachuuf yaalaa jiruu inni nama fakkaatu tokko fuula koo dura dhaabate.
DAN 8:16 Anis sagalee nama tokkoo kan “Yaa Gabriʼeel, hiikkaa mulʼata sanaa nama kanatti himi” jedhu tokko Uulayi nan dhagaʼe.
DAN 8:17 Akkuma inni iddoo ani dhaabachaa ture dhufeen ani rifadheen addaan lafatti gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, akka mulʼanni sun waaʼee bara dhumaa argisiisu hubadhu” naan jedhe.
DAN 8:18 Yeroo inni natti dubbachaa turettis, ani addaan lafatti gombifamee hirriba cimaa keessan ture. Inni garuu na tuqee ol na qabee miilla kootiin na dhaabe.
DAN 8:19 Innis akkana jedhe; “Ani waan booddee yeroo dheekkamsaatti dhufuuf jiru sitti nan hima; mulʼanni sun waan bara dhumaa kan murtaaʼe sana keessatti taʼu argisiisaatii.
DAN 8:20 Korbeessi hoolaa kan gaafa lamaa ati argite sun, mootota Meedee fi Faares argisiisa.
DAN 8:21 Reʼeen rifeensa qabu sun mootii Giriik; gaanfi guddaan ija isaa lamaan gidduu immoo mootii jalqabaa ti.
DAN 8:22 Gaanfawwan afran gaanfa cabe tokko iddoo buʼan mootummoota saba isaa keessaa baʼan afran argisiisan; isaan garuu humna akka isaa hin qaban.
DAN 8:23 “Dhuma bulchiinsa isaaniitti, yeroo finciltoonni akka malee hammaachaa deemanitti mootiin adda jabeessi hibboo hubatu tokko ni kaʼa.
DAN 8:24 Innis akka malee jabaa taʼa; garuu humna isaatiin miti. Inni badiisa suukaneessaa fida; waan hojjetu hundaan ni milkaaʼa. Namoota jajjaboo fi qulqulloota ni balleessa.
DAN 8:25 Inni badhaadhuuf jedhee gowwoomsaa hojjeta; akka nama guddaattis of ilaala. Inni yommuu isaan waan nagaa qaban seʼanitti baayʼee isaanii balleessee Mootii moototaattis ni kaʼa. Taʼu illee inni ni bada; garuu humna namaatiin miti.
DAN 8:26 “Mulʼanni galgalaa fi ganama sitti mulʼifame sunis dhugaa dha; garuu sababii inni waan bara dheeraa booddee taʼuuf jiru argisiisuuf isa cufi.”
DAN 8:27 Ani Daaniʼelis akka malee dadhabee guyyoota baayʼee dhukkubsadheen ciise. Ergasiis kaʼee gara hojii mootichaa nan dhaqe. Anis mulʼatan argee sanaan rifadheen ture; dubbiin isaas naaf hin galle.
DAN 9:1 Bara Daariyoos ilma Ahashweroos namicha Meedee kan mootummaa Kaldootaa irratti bulchaa taasifame sanaa keessa waggaa tokkoffaatti
DAN 9:2 bara mootummaa isaa keessa waggaa tokkoffaatti ani Daaniʼel dubbii Waaqayyoo kan Ermiyaas raajichaaf kenname irraa akka Yerusaalem waggaa torbaatamaaf ontee turtu kitaabota qulqulluu irraa nan hubadhe.
DAN 9:3 Kanaafuu ani deebii barbaadee kadhannaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Waaqayyoo Gooftaatti nan deebiʼe.
DAN 9:4 Anis Waaqayyo Waaqa kootti kadhannaa dhiʼeessee akkana jedheen cubbuu saba kootii himadhe: “Yaa Gooftaa, Waaqa guddaa fi akka malee sodaachisaa kan warra si jaallatanii ajaja kee eegan hundaaf kakuu jaalala keetii eegdu,
DAN 9:5 nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra.
DAN 9:6 Nu tajaajiltoota kee raajota warra maqaa keetiin mootota keenyatti, ilmaan mootota keenyaatti, abbootii keenyaa fi saba lafaa hundatti dubbatan sana hin dhaggeeffanne.
DAN 9:7 “Yaa Gooftaa, ati qajeelaa dha; garuu nu namoonni Yihuudaa, sabni Yerusaalemii fi Israaʼel kanneen ati sababii amanamummaa dhabuu keenyaatiin biyyoota dhiʼoo fi fagoo keessa bittinneessite hundi harʼa qaaniidhaan haguugamneerra.
DAN 9:8 Yaa Waaqayyo nuu fi mootonni keenya, ilmaan moototaatii fi abbootiin keenya waan cubbuu sitti hojjenneef qaaniidhaan haguugamneerra.
DAN 9:9 Yoo nu isatti fincillee jiraanne iyyuu Waaqni keenya Gooftichi araara qabeessa; dhiifamas namaaf godha;
DAN 9:10 nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne yookaan seera isaa kan inni karaa tajaajiltoota isaa raajotaatiin nuuf kenne sana hin eegne.
DAN 9:11 Israaʼeloonni hundinuu siif ajajamuu diduudhaan seera kee cabsaniiru; sirraa garagalaniirus. “Kanaafuu sababii nu cubbuu sitti hojjenneef abaarsaa fi kakuun Seera Musee garbicha Waaqaa sanaa keessatti barreeffame nurratti dhangalaʼe.
DAN 9:12 Ati balaa guddaa nutti fiduudhaan dubbii nuu fi bulchitoota keenya irratti dubbatame sana raawwatteerta. Wanni akka waan Yerusaalem irratti taʼe sanaa takkumaa guutummaa samiitii gaditti taʼee hin beeku.
DAN 9:13 Akkuma Seera Musee keessatti barreeffametti balaan kun hundi nutti dhufeera; taʼu iyyuu nu qalbii jijjiirrannee dhugaa duukaa buʼuudhaan Waaqayyo Waaqa keenya irraa araara hin barbaanne.
DAN 9:14 Waaqayyo balaa nutti fiduu irraa duubatti hin deebine; Waaqayyo Waaqni keenya waan hojjetu hundaan qajeelaadhaatii; nu garuu isaaf hin ajajamne.
DAN 9:15 “Egaa amma yaa Waaqa keenya Gooftaa, kan irree jabaadhaan saba kee biyya Gibxi baaftee akka maqaan kee akkuma harʼa jiru kana beekamu goote, nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras.
DAN 9:16 Yaa Gooftaa, akkuma hojii kee qajeelaa sana hundaatti Yerusaalem magaalaa keetii fi gaara kee qulqulluu irraa aarii fi dheekkamsa kee deebisi. Cubbuun keenyaa fi balleessaan abbootii keenyaa namoota naannoo keenya jiraatan hunda biratti akka Yerusaalemii fi sabni kee waan kolfaa taʼan godheera.
DAN 9:17 “Egaa yaa Waaqa keenya, kadhannaa fi waammata garbicha keetii dhagaʼi. Yaa Gooftaa, ulfina keetiif jedhiitii fuula kee gara iddoo kee qulqulluu one sanaatti deebisi.
DAN 9:18 Yaa Waaqa ko, gurra itti qabii dhagaʼi; ija kee banadhuutii badii keenyaa fi magaalaa Maqaan kee ittiin waamame sana ilaali. Nu utuu waaʼee qajeelummaa keenyaatiif hin taʼin sababii araara kee guddaa sanaatiif si kadhanna.
DAN 9:19 Yaa Gooftaa dhaggeeffadhu! Yaa Gooftaa dhiifama nuu godhi! Yaa Gooftaa dhagaʼiitii waa hojjedhu! Yaa Waaqa ko, sababii magaalaan keetii fi sabni kee Maqaa keetiin waamamuuf ati hin turin.”
DAN 9:20 Utuu ani dubbichaa fi kadhachaa, cubbuu kootii fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, tulluu isaa qulqulluufis Waaqayyo Waaqa koo gaafachaa jiruu,
DAN 9:21 utuu ani amma illee kadhannaa irra jiruu, Gabriʼeel namichi ani mulʼata koo duraa keessatti arge sun, yeroo aarsaa galgalaatti ariitiidhaan barrisaa gara koo dhufe.
DAN 9:22 Innis akkana jedhee na barsiise; akkanas naan jedhe; “Yaa Daaniʼel ani amma ogummaa fi hubannaa siif kennuuf dhufeera.
DAN 9:23 Akkuma ati Waaqa kadhachuu jalqabdeen deebiin ani sitti himuuf dhufe kun siif kenname; ati akka malee jaalatamaadhaatii. Kanaafuu ergaa kana qalbeeffadhuutii mulʼata sana hubadhu:
DAN 9:24 “Dogoggora hambisuuf, cubbuu balleessuuf, araara yakkaa buusuuf, qajeelummaa bara baraa fiduuf, mulʼataa fi raajii chaappaadhaan cufuuf, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana dibuuf saba keetii fi magaalattii qulqulluu keetiif ‘torban’ torbaatamni labsameera.
DAN 9:25 “Waan kana beeki; hubadhus: Gaafa labsiin Yerusaalemin haaromsuu fi deebisanii ijaaruuf labsame kun baʼee jalqabee hamma Masiihichi, Bulchaan dhufutti ‘torban’ torbaatamaa fi torban jaatamii lama taʼa. Isheen daandiiwwanii fi dallaa wajjin ni haaromfamti; garuu wanni kun yeroo rakkinaa keessa taʼa.
DAN 9:26 ‘Torban’ jaatamii lama booddee Masiihichi ni ajjeefama; wanni tokko iyyuu isaaf hin hafu. Namoonni bulchaa dhufuuf jiru tokkoo magaalaa sanaa fi iddoo qulqulluu ni barbadeessu. Dhumnis akkuma lolaatti dhufa: Waraanni hamma dhumaatti itti fufa; badiisnis labsameera.
DAN 9:27 Bulchaan kunis ‘Torban’ tokkoof namoota baayʼee wajjin kakuu godhata; walakkaa ‘Torban’ sanaatti aarsaa fi kennaan akka hafu godha. Innis hamma wanni labsame sun isa irratti dhangalaʼutti waan xuraaʼaa badiisa fidu mana qulqullummaa gubbaa ni dhaaba.”
DAN 10:1 Bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa sadaffaatti Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanatti mulʼanni tokko mulʼate. Ergaan isaas dhugaa fi kan waaʼee waraanaa ibsu ture. Hubannaan ergaa sanaas mulʼataan isaaf kenname.
DAN 10:2 Yeroo sanatti ani Daaniʼel torban sadii nan booʼe.
DAN 10:3 Hamma torban sadan sun raawwatamanitti ani nyaata filatamaa tokko illee hin nyaanne; fooni yookaan daadhiin wayinii afaan koo hin seenne; dibata tokko illees hin dibanne.
DAN 10:4 Bultii digdamii afuraffaa jiʼa jalqabaatti ani utuun qarqara laga guddichaa Laga Xegroos irra dhaabadhee jiruu,
DAN 10:5 ol ilaalee namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatee sabbata warqee Uufaazii qulqulluu mudhii isaatti hidhate tokko fuula koo duratti arge.
DAN 10:6 Nafni isaa akka biiralee, fuulli isaa akka balaqqee, iji isaa akka guca bobaʼuu, irree fi miilli isaa akka naasii dibamee cululuqee, sagaleen isaa immoo akka sagalee namoota baayʼee ture.
DAN 10:7 Namni mulʼata sana arge anuma Daaniʼel qofa ture; namoonni na wajjin turan hin argine; garuu sodaan guddaan isaan qabatee baqatanii dhokatan.
DAN 10:8 Kanaafuu ani mulʼata guddaa kana ilaalaan kophaatti hafe; humna nan dhabe; fuulli koos ni geeddarame; nan laafes.
DAN 10:9 Kana irratti ani utuu inni dubbatuu nan dhagaʼe; ani akkuman isa dhagaʼeen adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na qabe.
DAN 10:10 Ergasii garuu harki tokko na qabee utuu ani holladhuu harkaa fi jilba kootiin na dhaabe.
DAN 10:11 Innis, “Yaa Daaniʼel, ati kan akka malee jaallatamte dubbii ani sitti himuuf jiru sirriitti qabadhu; ani gara keetti ergameeraatii ol kaʼi” jedhe. Anis yommuu inni waan kana naan jedhetti hollachaan kaʼee dhaabadhe.
DAN 10:12 Ammas akkana naan jedhe; “Yaa Daaniʼel hin sodaatin. Guyyaa tokkoffaa gaafa ati hubannaa argachuu fi fuula Waaqa keetii duratti of xinneessuuf murteessitee jalqabee dubbiin kee dhagaʼameera; anis deebii isaa fidee dhufeera.
DAN 10:13 Ergamaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota ergamootaa keessaa Miikaaʼel na gargaaruuf dhufe.
DAN 10:14 Ani amma waan gara fuula duraatti saba kee irra gaʼuuf jiru sitti himuuf dhufeera; mulʼanni sun waan yeroon isaa amma illee hin gaʼin argisiisaatii.”
DAN 10:15 Utuma inni waan kana natti dubbachaa jiruu ani mataa gad qabadhee waanan dubbadhus dhabe.
DAN 10:16 Ergasii inni nama fakkaatu tokko hidhii koo tuqe; anis afaan banadheen dubbachuu jalqabe. Isa fuula koo dura dhaabachaa ture sanaanis akkanan jedhe; “Yaa gooftaa ko, ani sababii mulʼata sanaatiif dhiphadheera; humnas dhabeera.
DAN 10:17 Yaa gooftaa ko, ani garbichi kee akkamittan si wajjin haasaʼuu dandaʼa? Humni koo dhumeera; ani hafuura baafachuu illee dadhabeera.”
DAN 10:18 Ammas inni nama fakkaatu sun na tuqee humna naa kenne.
DAN 10:19 Innis, “Yaa namicha akka malee jaallatamte, hin sodaatin; nagaan siif haa taʼu! Amma jabaadhu; jajjabaadhus” naan jedhe. Yeroo inni natti dubbatetti ani nan jajjabaadhee, “Yaa Gooftaa ko, ati waan na jajjabeessiteef dubbadhu” isaan jedhe.
DAN 10:20 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Ati waan ani gara kee dhufeef beektaa? Ani ergamaa guddicha mootummaa Faares loluuf nan deebiʼa; yeroo ani deemutti immoo ergamaan guddichi mootummaa Giriik ni dhufa;
DAN 10:21 garuu ani duraan dursee waan Kitaaba Dhugaa keessatti barreeffame sittin hima. Isaan loluufis Miikaaʼel hangafticha keessan malee kan na gargaaru kan biraa hin jiru.
DAN 11:1 Anis bara Daariyoos namicha Meedon keessaa waggaa tokkoffaatti isa jajjabeessuu fi eeguuf isa bira dhaabadheen ture.
DAN 11:2 “Egaa ani dhugaan sitti hima: Mootonni biraa sadii Faares keessatti ni kaʼu; ergasiis mootiin afuraffaan warra kaan hunda irra sooressa taʼe tokko ni kaʼa. Innis erga qabeenya isaatiin jabina argatee booddee tokkoo tokkoo namaa mootummaa Giriik irratti ni kakaasa.
DAN 11:3 Ergasii mootiin jabaan tokko ni kaʼa; innis humna guddaadhaan ni bulcha; waan fedhes ni hojjeta.
DAN 11:4 Erga inni dhufee booddee mootummaan isaa diigamee gara qilleensota samii afraniitti gargar qoqqoodama. Mootummaan isaa buqqaʼee mootota biraatiif waan kennamuuf sanyii isaatti hin darbu yookaan humna inni argatee ture sana hin qabaatu.
DAN 11:5 “Mootiin Kibbaa ni jabaata; ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko garuu isa caalaa iyyuu jabaatee humna guddaadhaan mootummaa sana bulcha.
DAN 11:6 Waggoota muraasaan booddee isaan tokko taʼu; walii galtee godhachuufis intalli mooticha Kibbaa gara mootii Kaabaa ni dhaqxi; garuu humna ishee qabattee turuu hin dandeessu; innii fi humni isaa jabaatee hin jiraatu. Bara sana keessa isheen, qondaaltota ishee, abbaa isheetii fi nama ishee gargaare wajjin dabarfamtee ni kennamti.
DAN 11:7 “Hidda sanyii ishee keessaas namni tokko iddoo ishee qabachuuf ni kaʼa. Innis humnoota mootii Kaabaa dhaʼee daʼannoowwan isaas cabsee ni seena; lolees isaan moʼata.
DAN 11:8 Inni waaqota isaanii, fakkiiwwan isaanii kan sibiilaatii fi miʼoota isaanii gati jabeeyyii meetii fi warqee boojiʼee gara Gibxitti ni geessa. Waggoota muraasaafis mootii Kaabaa waraanuu ni dhiisa.
DAN 11:9 Ergasii mootiin Kaabaa daangaa mootii Kibbaa ni qabata; garuu of irra garagalee biyya isaatti deebiʼa.
DAN 11:10 Ilmaan isaa waraanaaf qophaaʼanii humna waraanaa guddaa tokko walitti qabatu; humni kunis akkuma lolaa namni of irraa deebisuu hin dandeenye tokkootti hamma daʼannoo isaatti duulee lola.
DAN 11:11 “Ergasiis mootiin Kibbaa aariidhaan duulee mootii Kaabaa kan loltoota hedduu walitti qabate sana ni waraana; loltoonni hedduun sun garuu ni moʼamu.
DAN 11:12 Mootiin Kibbaa sun yommuu loltoota baayʼee boojiʼutti garaan isaa of tuulummaadhaan guutamee kuma baayʼees ni gogorraʼa; garuu moʼichi isaa itti hin fufu.
DAN 11:13 Mootiin kaabaa humna waraanaa kan isa duraa sana caalaa guddaa walitti qabataatii; waggoota baayʼee booddees humna waraanaa guddaa kan guutummaatti hidhate qabatee ni dhufa.
DAN 11:14 “Yeroo sanatti namoonni baayʼeen mootii Kibbaatti ni kaʼu. Mulʼata sana raawwachuuf uummata kee keessaa finciltoonni ni kaʼu; garuu ni kufu.
DAN 11:15 Ergasii mootiin Kaabaa dhufee tuulaa biyyoo hojjetee magaalaa dallaadhaan marfamte ni qabata. Humnoonni waraana Kibbaas of irraa deebisuuf humna ni dhabu; loltoonni isaanii jajjaboon iyyuu isaan dura dhaabachuuf humna dhabu.
DAN 11:16 Inni itti duule sun waanuma fedhe hojjeta; namni tokko iyyuu of irraa isa deebisuu hin dandaʼu. Inni Biyya Bareedduu sana keessa jabaatee dhaabata; ishee balleessuufis humna qabaata.
DAN 11:17 Inni jabina mootummaa isaa guutuudhaan dhufuu murteessa; mootii Kibbaa wajjinis walii galtee godhata. Inni mootummaa sana kuffisuuf intala isaa itti heerumsiisa; karoorri isaa kun garuu hin milkaaʼu yookaan isa hin fayyadu.
DAN 11:18 Ergasii inni gara biyyoota qarqara galaanaa jiraniitti yaada isaa deebifatee baayʼee isaanii qabata; garuu ajajaan tokko of tuulummaa isaa ni fashaleessa; of tuulummaa isaas matuma isaatti deebisa.
DAN 11:19 Kana irratti inni fuula isaa gara daʼannoowwan biyya isaatti deebifata; garuu gufatee kufa; deebiʼees hin argamu.
DAN 11:20 “Namni iddoo isaa buʼu ulfina mootummaa eegsisuuf warra gibira walitti qaban ni erga. Taʼus inni utuu aariidhaan yookaan waraanaan hin taʼin yeroo gabaabaa keessatti bada.
DAN 11:21 “Iddoo isaas nama tuffatamaa ulfinni mootummaa hin kennaminiifitu qabata. Inni utuu sabni nagaadhaan jiraatuu mootummaatti duulee dabaan qabata.
DAN 11:22 Ergasii raayyaan guddaan tokko fuula isaa duraa ni haxaaʼama; innii fi hangafni kakuus ni balleeffamu.
DAN 11:23 Inni erga isa wajjin walii galtee godhatee booddee hojii gowwoomsaa hojjeta; namoota muraasa wajjinis aangoo qabata.
DAN 11:24 Yeroo kutaawwan biyya sooreyyiin nagaadhaan jiraatanitti isaanitti duulee waan abbootiin isaa yookaan akaakileen isaa hin hojjetin hojjeta. Innis waan boojiʼame, waan saamamee fi qabeenya duuka buʼoota isaatiif ni qoqqooda. Inni daʼannoowwan jigsuuf ni malata; garuu yeroo muraasaaf waan kana godha.
DAN 11:25 “Inni raayyaa loltootaa guddaadhaan ciminaa fi jabina isaa mootii Kibbaa irratti ni kakaasa. Mootiin Kibbaas loltoota akka malee baayʼee fi humna qabaniin waraana labsa; garuu sababii mariin isa irratti mariʼatamuuf of irraa ittisuu hin dandaʼu.
DAN 11:26 Warri maaddii mootichaa irraa nyaachaa turan isa balleessuu yaalu; loltoonni isaa ni barbadaaʼu; baayʼeen isaaniis waraana keessatti dhumu.
DAN 11:27 Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu.
DAN 11:28 Mootiin Kaabaa qabeenya guddaadhaan gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaa garuu kakuu qulqulluu morma. Waanuma fedhe itti hojjetee gara biyya isaatti deebiʼa.
DAN 11:29 “Yeroo murteeffamettis deebiʼee Kibba weerara; yeroo kanatti garuu haalli isaa kan duraa sanaan adda taʼa.
DAN 11:30 Dooniiwwan Kitiim isa mormu; innis abdii kutata. Ergasii duubatti deebiʼee kakuu qulqulluutti dheekkamsa isaa buusa. Deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan jaallata.
DAN 11:31 “Humni loltoota isaas dallaa mana qulqullummaa jabaa sana xureessuuf ni kaʼa; aarsaa guyyaa guyyaas ni hambisa. Ergasiis isaan xuraaʼummaa badiisa fidu tokko dhaabu.
DAN 11:32 Inni warra kakuu sana dhiisan gowwoomsee ni dogoggorsa; warri Waaqa isaanii beekan garuu jabaatanii dhaabachuudhaan isa mormu.
DAN 11:33 “Ogeeyyiin yoo yeroodhaaf goraadeedhaan dhuman illee yookaan gubaman illee yookaan boojiʼaman illee yookaan saamaman illee namoota hedduu ni barsiisu.
DAN 11:34 Isaan yeroo dhumuu gaʼanitti gargaarsa xinnaa argatu; fakkeessitoonni hedduunis isaan deeggaru.
DAN 11:35 Ogeeyyii keessaa tokko tokko akka hamma dhumaatti calalamaniif, akka qulqulleeffamanii warra hirʼina hin qabne taʼaniif ni gufatu; wanni kun amma iyyuu yeroo murteeffametti ni dhufaatii.
DAN 11:36 “Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Waaqa kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Waaqa waaqotaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii.
DAN 11:37 Inni waaqota abbootii isaatiif yookaan kan dubartoonni isa jaallataniif yookaan Waaqa kamiif iyyuu ulfina hin kennu; garuu hunda isaanii caalaa ol ol of qaba.
DAN 11:38 Qooda isaanii waaqa daʼannoowwaniitiif ulfina kenna; inni waaqa abbootiin isaa hin beekin warqee fi meetiidhaan, dhagaawwan gati jabeeyyii fi kennaawwan gati jabeeyyiidhaan ulfeessa.
DAN 11:39 Inni gargaarsa waaqa ormaatiin daʼannoowwan jajjaboo waraana; warra isa jalatti bulanis akka malee kabaja. Namoota baayʼee irrattis bulchitoota isaan godhee gatiidhaan lafa qoodaaf.
DAN 11:40 “Bara dhumaa keessa mootiin Kibbaa waraana itti bana; mootiin Kaabaas fardeen, gaariiwwanii fi dooniiwwan hedduudhaan akkuma dambalii isa irra garagala. Biyyoota baayʼee weeraree akkuma lolaa isaan keessa baʼee darba.
DAN 11:41 Akkasumas Biyya Bareedduu weerara. Biyyoonni baayʼeen harka isaa jala galu; Edoom, Moʼaabii fi hooggantoonni Amoon garuu isa jalaa ni baʼu.
DAN 11:42 Innis biyyoota baayʼee irratti aangoo isaa ni babalʼifata; Gibxis hin miliqxu.
DAN 11:43 Qabeenya warqeetii fi meetii, akkasumas badhaadhummaa Gibxi hunda toʼannaa ofii isaa jala galfata; namoonni Liibiyaatii fi Itoophiyaas isa jalatti bulu.
DAN 11:44 Garuu oduun baʼaa fi kaabaa dhufu isa sodaachisa; inni namoota baayʼee balleessuu fi fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa.
DAN 11:45 Dunkaana mootummaa isaas galaanotaa fi tulluu bareedaa qulqulluu gidduu ni dhaabbata. Taʼu illee inni dhuma ofii isaatti ni dhufa; namni tokko iyyuu isa hin gargaaru.
DAN 12:1 “Yeroo sanatti Miikaaʼel hangafni ergamootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu.
DAN 12:2 Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu.
DAN 12:3 Ogeeyyiin akkuma ifa samiiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.
DAN 12:4 Yaa Daaniʼel, ati garuu hamma bara dhumaatti dubbii kitaaba maramaa cufiitii chaappessi. Namoonni baayʼeen beekumsa dabalachuuf asii fi achi fiigu.”
DAN 12:5 Ani Daaniʼel nan ilaale; kunoo fuula koo dura namoonni biraa lama dhadhaabatanii turan; tokko qarqara lagaa gamanaan, inni lammaffaan immoo qarqara lagaa gamasiin ture.
DAN 12:6 Isaan keessaa tokko namicha uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatii ol jiruun, “Waantonni dinqii kunneen raawwatamuuf yeroo hammamtu hafa?” jedhe.
DAN 12:7 Namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatiin ol ture sun harka isaa mirgaatii fi bitaa ol qabe; anis isaa, “Wanni kun baraan, barootaaf walakkaa baraatiif taʼa. Yeroo humni namoota qulqulluu dhuma irratti cabutti wanni kun hundi fiixaan baʼa” jedhee isa bara baraan jiraatu sanaan kakatu nan dhagaʼe.
DAN 12:8 Anis nan dhagaʼe; garuu hin hubanne. Kanaafuu ani, “Yaa gooftaa ko, dhumni waan kana hundaa maal taʼa?” jedheen gaafadhe.
DAN 12:9 Innis akkana jedhee deebise. “Yaa Daaniʼel, sababii hamma bara dhumaatti dubbiin sun chaappaan chaappeffameef ati karaa kee qabadhu.
DAN 12:10 Namoonni baayʼeen ni qulqulleeffamu; warra hirʼina hin qabne ni taʼu; ni calalamus; hamoonni garuu ittuma fufanii hammaatu. Namoota hamoo keessaa tokko iyyuu hin hubatan; ogeeyyiin garuu ni hubatu.
DAN 12:11 “Gaafa aarsaan guyyaa guyyaatti dhiʼaatu hambifamee jalqabee hamma gaafa wanni jibbisiisaan badiisa fidu sun achi dhaabatuutti guyyoota 1,290 taʼa.
DAN 12:12 Namni obsee dhuma guyyoota 1,335 qaqqabu eebbifamaa dha.
DAN 12:13 “Ati garuu hamma dhumaatti karaa kee qabadhu. Ati ni boqotta; dhuma barootaattis dhaala kee kan siif qoodame fudhachuuf ni kaata.”
HOS 1:1 Dubbiin Waaqayyoo kan bara Uziyaan, Yootaam, Aahaaziitii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa keessa, akkasumas bara Yerobiʼaam ilma Yooʼaash mooticha Israaʼel keessa gara Hooseʼaa ilma Biʼeer dhufe kanaa dha:
HOS 1:2 Yeroo Waaqayyo karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti Waaqayyo akkana isaan jedhe; “Sababii biyyattiin Waaqayyo irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu.”
HOS 1:3 Kanaafuu inni dhaqee Goomer intala Diblaayiim fuudhe; isheenis ulfooftee ilma deesseef.
HOS 1:4 Kana irratti Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Ani sababii dhiiga Yizriʼeel keessatti dhangalaʼe sanaatiif dafee mana Yehuu waanan adabuuf Yizriʼeel jedhii isa moggaasi; ani mootummaa Israaʼel nan balleessa.
HOS 1:5 Gaafas ani Sulula Yizriʼeel keessatti iddaa Israaʼel nan cabsa.”
HOS 1:6 Goomer amma illee ulfooftee intala deesse. Waaqayyo Hooseʼaatiin akkana jedhe; “Sababii ani isaaniif araaramuu fi siʼachis mana Israaʼeliif garaa hin laafneef Loo-Ruhaamaa jedhii ishee moggaasi.
HOS 1:7 Taʼus ani mana Yihuudaatiif garaa nan laafa; ani xiyyaan yookaan goraadeedhaan yookaan waraanaan yookaan fardeeniin yookaan abbootii fardaatiin isaan hin oolchu; garuu ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan nan oolcha.”
HOS 1:8 Goomer erga Loo-Ruhaamaa harma guusiftee booddee ulfooftee ilma deesse.
HOS 1:9 Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Isin waan saba koo hin taʼinii fi anis Waaqa keessan hin taʼiniif Loo-Amii jedhii isa moggaasi.
HOS 1:10 “Taʼus Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu yookaan hedamuu hin dandaʼamnee taʼa. Isaan iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘Ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu.
HOS 1:11 Guyyaan Yizriʼeel waan guddaa taʼuuf, sabni Yihuudaatii fi sabni Israaʼel deebiʼanii tokko taʼu; isaan hoogganaa tokko muuddatanii biyya sana keessaa ni baʼu.
HOS 2:1 “Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa.
HOS 2:2 “Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa; isheen niitii koo mitiitii; anis dhirsa ishee miti. Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu; amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.
HOS 2:3 Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa; akkuma gammoojjii ishee nan godha; lafa goggogaatti ishee nan geeddara; dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa.
HOS 2:4 Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif, ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu.
HOS 2:5 Haati isaanii amanamummaa dhabdee karaa salphinaatiin isaan ulfoofte. Isheen, ‘Ani warra na jaallatu, warra nyaata koo fi bishaan koo, warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan duukaa nan buʼa’ jette.
HOS 2:6 Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa; akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara.
HOS 2:7 Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu; isaan barbaaddi; garuu hin argitu. Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa gara dhirsa kootti nan deebiʼa; amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti.
HOS 2:8 Isheen akka ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne, meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne.
HOS 2:9 “Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo, daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti irraa nan fudhadha. Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis amma ishee irraa nan fudhadha.
HOS 2:10 Ani amma ijuma michoota ishee duratti addaggummaa ishee nan saaxila; namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu.
HOS 2:11 Ani ayyaana ishee hunda jechuunis, ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa, ayyaana ishee kan Sanbataatii fi ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa.
HOS 2:12 Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa. Ani daggala isaan nan godha; bineensi bosonaa isaan dheeda.
HOS 2:13 Ani guyyoota isheen itti Baʼaaliif ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba; isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte” jedha Waaqayyo.
HOS 2:14 “Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba; gara lafa gammoojjiitti ishee geessee jaalalaan itti nan dubbadha.
HOS 2:15 Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf; Sulula Aakooris balbala abdii nan godha. Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti, akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti.
HOS 2:16 “Ati gaafa sana” jedha Waaqayyo; “ ‘Dhirsa koo’ jettee na waamta; ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.
HOS 2:17 Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa; maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu.
HOS 2:18 Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota samii wajjin, uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin isaaniif kakuu nan gala. Ani akka isin nagaadhaan bultaniif xiyya, goraadee fi waraana lafa irraa nan balleessa.
HOS 2:19 Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; ani qajeelummaa fi dhugaadhaan jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.
HOS 2:20 Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; atis Waaqayyoon ni beekta.”
HOS 2:21 Waaqayyo akkana jedha; “Ani gaafas deebii siif nan kenna; ani samiif deebii nan kenna; samiinis lafaaf deebii ni kenna;
HOS 2:22 laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi zayitiif deebii kenniti; isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu.
HOS 2:23 Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha; ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha. Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha; isaanis, ‘Ati Waaqa koo ti’ naan jedhu.”
HOS 3:1 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Namni biraa ishee jaallatee isheen sagaagaltuu taatu iyyuu, ati dhaqiitii ammas niitii keetti jaalala kee argisiisi. Akkuma Waaqayyoo utuma isaan waaqota biraatti deebiʼanii bixxillee wayinii jaallatanuu Israaʼeloota jaallate sana atis ishee jaalladhu.”
HOS 3:2 Kanaafuu ani meetii saqilii kudha shaniin, garbuu hoomeerii tokkoo fi walakkaatiin ishee nan bitadhe.
HOS 3:3 Ani ergasii akkana nan jedheen; “Ati bara hedduu na wajjin jiraachuu qabda; ati sagaagaltuu taʼuu yookaan nama kam iyyuu wajjin tokko taʼuu hin qabdu; ani si wajjin nan jiraadha.”
HOS 3:4 Israaʼeloonni mootii yookaan ilma mootii malee, aarsaa yookaan utubaa waaqeffannaa malee dirata yookaan waaqota tolfamoo malee bara baayʼee ni jiraatuutii.
HOS 3:5 Ergasii immoo Israaʼeloonni deebiʼanii Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii barbaadu. Isaan bara dhumaa keessa hollachaa gara Waaqayyootii fi gara eebba isaa ni dhufu.
HOS 4:1 Yaa Israaʼeloota, Waaqayyo isin warra biyyattii keessa jiraattan irratti himata dhiʼeeffatu waan qabuuf dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Biyyattii keessa amanamummaan, jaalallii fi Waaqa beekuun hin jiru.
HOS 4:2 Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu, hannaa fi ejja qofatu jira; isaan kakuu hunda ni cabsu; dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.
HOS 4:3 Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi; warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu; bineensonni bosonaa, simbirroonni samiitii fi qurxummiin galaanaa dhumaa jiru.
HOS 4:4 “Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin; namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin; sabni keessan akkuma nama luba himatu tokkoo ti.
HOS 4:5 Ati halkanii fi guyyaa gufatta; raajonnis isin wajjin gufatu. Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa;
HOS 4:6 sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera. “Waan ati beekumsa tuffatteef anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera; sababii ati seera Waaqa keetii gatteef anis ilmaan kee nan gata.
HOS 4:7 Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin, akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan; isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru.
HOS 4:8 Isaan cubbuu saba kootii nyaatu; hammina isaaniis ni hawwu.
HOS 4:9 Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa. Anis sababii karaa isaaniitiif lachan isaanii iyyuu nan adaba; hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa.
HOS 4:10 “Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan; ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan; kunis sababii isaan Waaqayyoon dhiisanii dabarsanii
HOS 4:11 sagaagaltummaatti, daadhii wayinii moofaa fi haaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif.
HOS 4:12 Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata; uleen falfaltuus isaanitti dubbata. Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa; isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman.
HOS 4:13 Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma, aarsaa gubamu immoo gaarran irratti, qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomii gaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu. Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu; niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu.
HOS 4:14 “Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼanii galma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif, yommuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼanitti yookaan yommuu niitonni ilmaan keessanii ejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu; sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!
HOS 4:15 “Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illee akka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin. “Isin Gilgaal hin dhaqinaa; Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa. ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa.
HOS 4:16 Israaʼeloonni akkuma goromsa mataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru. Yoos Waaqayyo akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaatti kaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree?
HOS 4:17 Efreem waaqota tolfamootti galeera; isa ittuma dhiisaa!
HOS 4:18 Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuu isaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu; bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu.
HOS 4:19 Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa; aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida.
HOS 5:1 “Isin luboonni waan kana dhagaʼaa! Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa! Yaa mana mootii dhaggeeffadhu! Murtiin kun isinitti murama: Isin Miisphaatti kiyyoo, Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan.
HOS 5:2 Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru. Ani isaan hunda nan adaba.
HOS 5:3 Ani waaʼee Efreem hunda beeka; Israaʼelis na duraa hin dhokattu. Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta; Israaʼelis xuraaʼeera.
HOS 5:4 “Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti deebiʼan hin eeyyamuuf. Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira; isaan Waaqayyoon hin beekan.
HOS 5:5 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa; Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu cubbuu isaanii keessatti gufatu; Yihuudaanis isaan wajjin gufata.
HOS 5:6 Isaan yommuu Waaqayyoon barbaaduudhaaf bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti, isa hin argatan; inni isaan dhiisee deemeeraatii.
HOS 5:7 Isaan Waaqayyoof amanamoo miti; seeraan ala ijoollee godhatu. Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa.
HOS 5:8 “Gibeʼaa keessatti malakata, Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa. Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa; yaa Beniyaam, ati dura qajeeli.
HOS 5:9 Guyyaa ifannaatti Efreem ni ona. Ani gosoota Israaʼel gidduutti waan mirkanaaʼe nan labsa.
HOS 5:10 Bulchitoonni Yihuudaa akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. Ani akkuma lolaa bishaanii dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa.
HOS 5:11 Efreem sababii waaqota tolfamoo duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee murtiidhaan lafatti dhidhiitame.
HOS 5:12 Ani Efreemitti akka bilii, Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti.
HOS 5:13 “Yommuu Efreem dhukkuba isaa, Yihuudaanis madaa isaa argetti, Efreem gara Asooritti garagalee mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf nama itti erge. Inni garuu isin fayyisuu, madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu.
HOS 5:14 Ani Efreemitti akkuma leencaa, Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa. Ani gargar isaan ciccireen biraa deema; ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru.
HOS 5:15 Ergasii ani hamma isaan balleessaa isaanii fudhatanitti iddoo kootti nan deebiʼa. Isaan fuula koo barbaaddatu; rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.”
HOS 6:1 “Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana.
HOS 6:2 Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.
HOS 6:3 Kottaa Waaqayyoon haa beeknu; isa beekuufis haa tattaaffannu. Akkuma aduun dhugumaan baatu sana inni dhugumaan ni dhufa; inni akkuma bokkaa gannaa, akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.
HOS 6:4 “Yaa Efreem, ani maalan si godha? Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu ti.
HOS 6:5 Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree dubbii afaan kootiin isin fixe; murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.
HOS 6:6 Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.
HOS 6:7 Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; achittis anaaf hin amanamne.
HOS 6:8 Giliʼaad magaalaa hamootaa kan dhiigaan faalamtee dha.
HOS 6:9 Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, gareen lubootaas akkasuma godhu; isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.
HOS 6:10 Ani mana Israaʼel keessatti waan suukaneessaa tokko argeera. Achitti Efreem ni sagaagale; Israaʼelis ni xuraaʼe.
HOS 6:11 “Yaa Yihuudaa sittis haamamuun murteeffameera. “Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,
HOS 7:1 yeroo ani Israaʼelin fayyisutti cubbuun Efreem saaxilamee yakki Samaariyaas ifatti baafama. Isaan nama gowwoomsu; hattuun cabsitee mana seenti; saamtonni daandii irratti nama saamu;
HOS 7:2 isaan garuu akka ani jalʼina isaanii hunda yaadadhu hin hubatan. Cubbuun isaanii isaan marseera; yeroo hundas fuula koo dura jira.
HOS 7:3 “Isaan hammina isaaniitiin mootii, soba isaaniitiin immoo ilmaan mootii gammachiisu.
HOS 7:4 Isaan hundinuu ejjitoota, akkuma badaa ibiddaa kan tolchituun tokko yeroo bukoo sukkuumanii jalqabee hamma inni bukaaʼutti itti tuttuquu hin barbaannee ti.
HOS 7:5 Guyyaa ayyaana mootii keenyaatti ilmaan moototaa daadhii wayiniitiin finiinan; innis qoostota wajjin harka isaa diriirsa.
HOS 7:6 Akkuma badaa ibiddaatti garaa isaanii qopheessaniiru; isaan dabaan gara isaatti dhiʼaatu. Aariin isaanii halkan guutuu irraa hin galu; ganama immoo akkuma arraba ibiddaa balaliʼa.
HOS 7:7 Hundi isaanii akkuma badaa ibiddaa hoʼu; bulchitoota isaaniis ni fixu. Mootonni isaanii hundinuu ni dhumu; tokkoon isaanii iyyuu na hin waammatan.
HOS 7:8 “Efreem sabootaan walitti makama; Efreem maxinoo gara hin galfaminii dha.
HOS 7:9 Namoonni ormaa humna isaa nyaatan; inni garuu hin hubatu. Arriin isatti baʼe; inni garuu hin beeku.
HOS 7:10 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isatti baʼa; inni garuu utuu wanni kun hundi akkana taʼee jiruu, gara Waaqayyo Waaqa isaatti hin deebiʼu yookaan isa hin barbaaddatu.
HOS 7:11 “Efreem akkuma gugee gowwaa sammuu hin qabnee ti; isaan Gibxin waammatu; isaan gara Asooritti deebiʼu.
HOS 7:12 Yommuu isaan deeman ani kiyyoo koo isaan irra nan buusa; ani akkuma simbirroo samii gad isaan nan harkisa. Ani yommuun akka isaan walii wajjin yaaʼan dhagaʼutti, isaan nan qaba.
HOS 7:13 Waan narraa goraniif isaaniif wayyoo! Waan natti fincilaniif badiisni isaaniif mala! Ani isaan furuu nan barbaada; isaan garuu waaʼee koo soba dubbatu.
HOS 7:14 Isaan garaa isaanii guutuudhaan gara kootti hin iyyatan; garuu siree isaanii irra tataaʼanii booʼu. Isaan midhaanii fi daadhii wayiniitiif walitti qabamu; garuu natti fincilu.
HOS 7:15 Ani leenjiseen irree isaanii jajjabeesse; isaan garuu waan hamaa natti yaadu.
HOS 7:16 Isaan gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti hin deebiʼan; isaan akkuma xiyya jalʼatee ti. Hooggantoonni isaanii sababii soba dubbataniif goraadeedhaan dhumu. Sababii kanaaf isaan biyya Gibxitti ni tuffatamu.
HOS 8:1 “Malakata afaan keetti kaaʼadhu! Sababii namoonni kakuu koo cabsanii seera kootti fincilaniif risaan tokko mana Waaqayyootiin ol jira.
HOS 8:2 Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee gara kootti iyyate.
HOS 8:3 Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera; kanaafuu diinni isa ariʼa.
HOS 8:4 Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan; utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan. Isaan meetii fi warqee isaaniitiin badiisa isaaniitiif waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.
HOS 8:5 Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati! Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa. Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?
HOS 8:6 Isaan warra Israaʼel! Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche; inni Waaqa miti. Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.
HOS 8:7 “Isaan bubbee facaafatanii bubbee hamaa haammatu. Mukni isaa mataa hin qabu; daraaraas hin baasu. Utuu inni midhaan naqatee silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.
HOS 8:8 Israaʼel liqimfameera; isaan amma saboota gidduutti akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.
HOS 8:9 Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii; Efreemis michootatti of gurgureera.
HOS 8:10 Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu ani amma walitti isaan nan qaba. Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti ni sukkuumamu.
HOS 8:11 “Efreem aarsaa cubbuutiif iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu, lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf qopheessan taʼeera.
HOS 8:12 Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera; isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.
HOS 8:13 Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu; foon sanas ni nyaatu; Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne. Inni amma hammina isaanii yaadatee cubbuu isaanii adaba: Isaan gara Gibxitti deebiʼu.
HOS 8:14 Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee masaraawwan mootummaa ijaare; Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare. Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”
HOS 9:1 Yaa Israaʼel hin ililchin; akka saboota kaanii hin gammadin. Ati Waaqa keetiif amanamaa hin turreetii; ati oobdii hunda irratti gatii sagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta.
HOS 9:2 Oobdiiwwanii fi iddoon cuunfaa wayinii saba hin sooran; daadhiin wayinii haaraan isaaniif hin tolu.
HOS 9:3 Isaan biyya Waaqayyoo keessatti hin hafan; Efreem gara Gibxitti deebiʼee Asoor keessatti nyaata xuraaʼe nyaata.
HOS 9:4 Isaan dhibaayyuu daadhii wayinii Waaqayyoof hin dhibaafatan; yookaan aarsaan isaanii isa hin gammachiisu. Aarsaan akkasii akkuma buddeena warra gaddaa isaanitti taʼa; namni buddeena kana nyaatu hundinuu ni xuraaʼa. Nyaanni kun kanuma mataa isaanii taʼa; mana qulqullummaa Waaqayyoos ol hin seenu.
HOS 9:5 Isin guyyaa ayyaana keessan murteeffameetti, guyyoota ayyaana Waaqayyoo sanatti maal hojjetu?
HOS 9:6 Yoo isaan badiisa jalaa baʼan iyyuu Gibxi walitti isaan qabdi; Memfiis immoo isaan awwaala. Qabeenyi meetii isaanii sokorruudhaan liqimfama; dunkaana isaanii immoo qoraattiitu haguuga.
HOS 9:7 Guyyoonni adabbii dhufaa jiru; guyyoonni itti gatii baasan dhiʼaataniiru. Israaʼel waan kana haa beeku. Sababii cubbuun kee akka malee baayʼatee hamminni kees akka malee guddaa taʼeef, raajiin akka raatuutti ilaalame; namni Hafuura Waaqaatiin qajeelfamu immoo akka maraatuutti hedame.
HOS 9:8 Raajichi Waaqa koo wajjin eegduu Efreem taʼe; taʼus daandii isaa hunda irratti kiyyoon isa eeggata; mana Waaqa isaa keessattis jibbi isa eeggata.
HOS 9:9 Isaan akkuma bara Gibeʼaa keessatti taʼe sana xuraaʼummaa keessa dhidhiman. Waaqni hammina isaanii yaadatee sababii cubbuu isaaniitiif isaan adaba.
HOS 9:10 “Yeroo ani Israaʼelin argetti, inni akkuma ija wayinii gammoojjii keessatti argamee ture; yeroo ani abbootii keessan argetti, isaan akkuma waan ija jalqabaa harbuu irratti argamee turan. Isaan garuu yommuu gara Baʼaal Pheʼoor dhufanitti, waaqa tolfamaa qaanessaa sanaaf of qulqulleessanii akkuma waan jaallatan sanaa jibbisiisoo taʼan.
HOS 9:11 Ulfinni Efreem akkuma simbirroo barrisee bada; dhalchuun, garaatti baachuun, ulfaaʼuun hin jiru.
HOS 9:12 Yoo isaan ijoollee guddifatan iyyuu ani jalaa fixee ilmaan malee isaan nan hambisa. Gaafa ani isaan irraa garagalu isaaniif wayyoo!
HOS 9:13 Ani Efreemin isaa akkuma Xiiroos lafa namatti tolu irra dhaabatee jiru nan arge. Sabni Efreem garuu ijoollee isaa gad baasee warra gogorraʼutti kenna.”
HOS 9:14 Yaa Waaqayyo isaaniif kenni; ati maal isaaniif kennita? Gadameessa ulfa hin baannee fi harma goggogaa kenniif.
HOS 9:15 “Sababii hammina isaanii kan Gilgaal keessatti hojjetame sana hundaatiif, ani achitti isaan nan jibbe. Sababii hojii isaanii kan cubbuudhaan guutamee sanaatiif ani mana koo keessaa isaan ariʼa. Ani siʼachi isaan hin jaalladhu; bulchitoonni isaanii hundinuu finciltoota.
HOS 9:16 Efreem rukutameera; hiddi isaanii goggogeera; isaan ija tokko illee hin godhatan. Yoo isaan ijoollee godhatan iyyuu ani sanyii isaanii jaallatamoo isaan jalaa nan qala.”
HOS 9:17 Sababii isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqni koo isaan dida; isaan warra asii fi achi saboota gidduu jooru taʼu.
HOS 10:1 Israaʼel muka wayinii dagaage ture; inni matuma isaatiif ija naqata. Akkuma iji isaa baayʼateen inni iddoo aarsaa hedduu ijaarrate; akkuma lafti isaa gabbatteen utubaawwan waaqeffannaa isaa miidhagfate.
HOS 10:2 Garaan isaanii gowwoomsaadhaan guutameera; isaan amma yakka isaanii baadhachuu qabu. Waaqayyo iddoo aarsaa isaanii ni diiga; utubaawwan waaqeffannaa isaaniis ni barbadeessa.
HOS 10:3 Ergasii isaan akkana jedhu; “Nu sababii Waaqayyoon sodaachuu didneef mootii hin qabnu. Garuu utuu mootii qabaanne iyyuu inni silaa maal nuuf godha?”
HOS 10:4 Isaan waan hedduu waadaa galu; kakuu sobaas seenanii walii galtee uummatu; kanaafuu seera dhabeeyyiin akkuma aramaa summii qabu kan lafa qotiisaa keessaatti latu.
HOS 10:5 Namoonni Samaariyaa keessa jiraatan sababii waaqa tolfamaa fakkii jabbii kan Beet Aawwen keessaa sanaatiif sodaatu. Sabni ishee isheedhaaf booʼa. Luboonni ishee ejjitoonni warri ulfina isheetiin gammadan sunis sababii isheen isaan irraa boojiʼamteef ni booʼu.
HOS 10:6 Jabbichis akka harka fuudhaatti Yaariim mootichaaf Asooritti geeffama. Efreem ni salphifama; Israaʼel waaqota ishee kanneen muka irraa tolfamaniif ni qaanofti.
HOS 10:7 Samaariyaa fi mootiin ishee akkuma hoomacha bishaan irraatti fudhatamanii badu.
HOS 10:8 Iddoowwan sagadaa kanneen Awween ni barbadeeffamu; kunis cubbuu Israaʼel. Qoraattii fi sokorruun irratti biqilee iddoo aarsaa isaanii haguuga. Yeroo sana namoonni tulluuwwaniin, “Nurratti jigaa!” gaarraniin immoo, “Nu dhoksaa!” jedhu.
HOS 10:9 “Yaa Israaʼel isin bara Gibeʼaatii jalqabdanii cubbuu hojjettaniirtu; ammas achumatti haftaniirtu. Gibeʼaa keessatti waraanni kaʼee jalʼoota hin fixuu?
HOS 10:10 Ani yoon fedhe isaan nan adaba; sababii cubbuu isaanii dachaa sanaatiif hidhaa keessa isaan buusuuf saboonni naannoo isaaniitti walitti qabamu.
HOS 10:11 Efreem goromsa leenjifame kan midhaan siribsiisuu jaallatuu dha; kanaafuu ani morma ishee irra waanjoo nan kaaʼa. Ani Efreemin nan oofa; Yihuudaan lafa qotiisaa qotuu qaba; Yaaqoobis biyyoo bulleessuu qaba.
HOS 10:12 Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa; lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa; yeroon kun yeroo hamma inni dhufee qajeelummaa isinitti roobsutti Waaqayyoon barbaaddataniitii.
HOS 10:13 Isin garuu hammina facaafattanii jalʼina haammattan; isin ija sobaa nyaattaniirtu. Sababii ati jabina keetii fi loltoota kee baayʼee sana abdatteef,
HOS 10:14 akkuma Shalmaan gaafa lolaatti Beet Arbeelin balleessee haadhota ijoollee isaanii wajjin biyyootti makaman sana, daʼannoowwan kee hundi ni barbadaaʼu; huursaan waraanaas saba keetti ni kaʼa.
HOS 10:15 Yaa Beetʼeel, sababii hamminni kee akka malee guddaa taʼeef, wanni akkasii sittis ni dhufti. Gaafa guyyaan sun bariʼutti mootiin Israaʼel guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
HOS 11:1 “Israaʼel yeroo daaʼima turetti, ani isa nan jaalladhe; ani Gibxii ilma koo waameera.
HOS 11:2 Garuu hammuma ani itti deddeebiʼee isaan waamu, isaan narraa fagaachaa deeman. Isaan Baʼaaliif aarsaa dhiʼeessanii fakkiiwwaniif ixaana aarsan.
HOS 11:3 Kan irree isaanii qabee Efreemin miillaan deemuu barsiise anuma; isaan garuu akka ani isaan fayyise hin hubanne.
HOS 11:4 Ani funyoo gara laafina namaatiin, hidhaa jaalalaatiinis isaan nan harkise; ani morma isaanii irraa waanjoo fuudhee isaan sooruuf gadan jedhe.
HOS 11:5 “Isaan qalbii jijjiirrachuu waan didaniif Gibxitti hin deebiʼan; Asoor garuu isaan bulcha.
HOS 11:6 Goraadeen magaalaawwan isaanii keessatti balaqqisa; raajota sobduu isaanii ni barbadeessa; karoora isaaniis ni fashaleessa.
HOS 11:7 Sabni koo narraa deebiʼuuf kutateera. Yoo isaan Waaqa Waan Hundaa Olii waammatan iyyuu inni gonkumaa ol isaan hin qabu.
HOS 11:8 “Yaa Efreem ani akkamiinan dandaʼee si dhiisa? Yaa Israaʼel ani akkamiinan dabarsee si kenna? Ani akkamiinan dandaʼee akka Adimaa si godha? Akkamiinan akka Zebooʼiim si godha? Garaan koo na keessatti geeddarameera; gara laafinni ani siif qabu guddateera.
HOS 11:9 Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu; yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu. Ani Waaqa malee nama miti; ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha. Ani dheekkamsaan hin dhufu.
HOS 11:10 Isaan Waaqayyoon duukaa buʼu; inni akkuma leencaa aada; yommuu inni aadutti ilmaan isaa hollachaa lixa biiftuutii dhufu.
HOS 11:11 Isaan akkuma simbirroo Gibxi irraa, akkuma gugee ollachaa Asoor irraa dhufu. Ani mana isaanii keessa isaan nan jiraachisa” jedha Waaqayyo.
HOS 11:12 Efreem sobaan, manni Israaʼel immoo gowwoomsaadhaan na marse. Yihuudaanis Waaqatti, amanamaa Qulqullicha Sanatti iyyuu fincile.
HOS 12:1 Efreem bubbee nyaata; inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga; sobaa fi gooliis ni baayʼisa. Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.
HOS 12:2 Waaqayyo waan Yihuudaa himatu qaba; inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba; akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.
HOS 12:3 Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe; erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe.
HOS 12:4 Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate; booʼees surraa kadhate. Inni Beetʼeelitti isa argatee achitti isa wajjin haasaʼe.
HOS 12:5 Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, maqaan isaa Waaqayyo!
HOS 12:6 Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi; jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii yeroo hunda Waaqa kee eeggadhu.
HOS 12:7 Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu nama gowwoomsuu jaallata.
HOS 12:8 Efreem akkana jedhee boona; “Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera. Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu balleessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan.”
HOS 12:9 “Ani Waaqayyo Waaqa kee kan biyya Gibxii si baasee dha; ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee kanneen murteeffaman sanaatti deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.
HOS 12:10 Ani raajotatti dubbadhee mulʼata hedduu kenneefii karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.”
HOS 12:11 Giliʼaad hamaadhaa? Sabni ishee faayidaa hin qabu! Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu? Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa kan qotame irra jiruu ni taʼa.
HOS 12:12 Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate; Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile; gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.
HOS 12:13 Waaqayyo biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf raajiitti fayyadame; inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse.
HOS 12:14 Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase; Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana isumatti deebisa; arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.
HOS 13:1 Yeroo Efreem dubbatetti namoonni ni hollatan; inni Israaʼel keessatti ol ol jedhee ture. Garuu yakka Baʼaalin waaqeffachuutiin duʼe.
HOS 13:2 Isaan ammas itti deddeebiʼanii cubbuu hojjetu; meetii ofii isaaniitiin waaqa tolfamaa tolfatu; fakkii mimmiidhagaa kanneen hundi isaanii harka ogeeyyiitiin hojjetaman. Waaʼee saba kanaas, “Isaan nama qalanii aarsaa dhiʼeessu; waaqa tolfamaa jabbiis ni dhungatu!” jedhame.
HOS 13:3 Kanaafuu isaan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu, akkuma habaqii oobdii midhaan itti dhaʼan irraa kaʼuu akkuma aara foddaadhaan baʼuu ni taʼu.
HOS 13:4 “Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabee Waaqayyo Waaqa kee ti. Ati ana malee Waaqa tokko illee beekuu hin qabdu; ana malee fayyisaa tokko illee hin qabdu.
HOS 13:5 Ani gammoojjii keessatti, biyya hoʼa gubaa keessatti si kunuunseera.
HOS 13:6 Yeroo ani isaan sooretti ni quufan; isaan yeroo quufanitti of tuulan; ergasii immoo na irraanfatan.
HOS 13:7 Kanaafuu ani akkuma leencaa isaanitti nan taʼa; akkuma qeerransaa riphee daandii irratti isaan nan eeggadha.
HOS 13:8 Ani akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamaniitti isaan lolee garaa isaanii nan baqaqsa. Ani akkuma leencaatti qorqee isaan nan nyaadha; bineensi bosonaa gargar isaan ciccira.
HOS 13:9 “Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa kee mormiteef ati baddeerta.
HOS 13:10 Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira? Bulchitoonni kee warri magaalaa kee hunda keessaa kanneen ati, ‘Mootii fi ilmaan moototaa naaf kenni’ jettee kadhatte sun eessa jiru?
HOS 13:11 Ani aarii kootiin mootii siifan kenne; dheekkamsa kootiin immoo isa sirraa nan fudhadhe.
HOS 13:12 Balleessaan Efreem walitti kuufamee cubbuun isaas galmeeffameera.
HOS 13:13 Miixuun akkuma dubartii ciniinsuun qabatteetti isatti dhufa; inni garuu daaʼima wallaalaa dha; inni yommuu yeroon gaʼutti, gadameessa keessaa baʼuu hin fedhu.
HOS 13:14 “Ani saba kana humna awwaalaa jalaa nan baraara; duʼa jalaa isaan nan baasa. Yaa duʼa, dhaʼichi kee meerre? Yaa awwaala, balleessuun kee meerre? “Ani gara laafina tokko illee hin qabaadhu;
HOS 13:15 Yoo inni obboloota ofii gidduu jireenya tolaa jiraate iyyuu, bubbeen baʼaa Waaqayyo biraa ni dhufa; lafa gammoojjii keessaa ni bubbisa; burqaan isaa bishaan dhaba; boolli bishaan isaas ni goga. Mankuusni isaa, qabeenyi inni qabu hundis ni saamama.
HOS 13:16 Sabni Samaariyaa waan Waaqa isaatti fincileef gatii balleessaa isaa ni argata. Isaan goraadeedhaan dhumu; daaʼimman isaanii lafatti harcaafamu; dubartoonni isaanii kanneen ulfa qabanis ni baqaqfamu.”
HOS 14:1 Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi. Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!
HOS 14:2 Dubbicha fudhadhuutii gara Waaqayyoo deebiʼi. Akkanas jedhiin: “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, arjummaadhaan nu simadhu.
HOS 14:3 Asoor nu oolchuu hin dandaʼu; nu fardeen lolaa hin yaabbannu. Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen, ‘Waaqota keenya’ hin jennu; daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”
HOS 14:4 “Ani gantummaa isaanii nan fayyisa, toluman isaan jaalladha; aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.
HOS 14:5 Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa; inni akkuma daraaraa ni daraara. Inni akkuma gaattiraa Libaanoon hidda isaa gad fageeffata;
HOS 14:6 dameen isaa ni guddata. Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa; urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.
HOS 14:7 Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu. Inni akkuma midhaanii lalisa. Akkuma muka wayinii dagaaga; maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.
HOS 14:8 Yaa Efreem, ani kana caalaa waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba? Kan deebii siif kennee si eegu anuma. Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti; amanamummaan kee ana irraa dhufa.”
HOS 14:9 Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka. Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata. Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha; namni qajeelaan isa irra deema; finciltoonni garuu isa irratti gufatu.
JOE 1:1 Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
JOE 1:2 Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa; warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa. Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?
JOE 1:3 Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa; ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan; ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
JOE 1:4 Waan tuunni hawwaannisaa dhiise, hawwaannisni guddaan fixe; waan hawwaannisni guddaan dhiise, hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe; waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo hawwaannisni biraa dhufee nyaate.
JOE 1:5 Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa! Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa; sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa; inni afaan keessan irraa butameeraatii.
JOE 1:6 Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko biyya koo weerareera; inni ilkaan leencaa, qarriffaa leenca dhalaa qaba.
JOE 1:7 Inni muka wayinii koo onsee harbuu koos barbadeesseera. Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee dameelee isaanii duwwaa hambise.
JOE 1:8 Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
JOE 1:9 Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqayyoo irraa citaniiru. Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan booʼaa jiru.
JOE 1:10 Lafti qotiisaa oneera; laftis gogeera; midhaan barbadaaʼeera; daadhiin wayinii haaraan dhumeera; zayitiinis dhabameera.
JOE 1:11 Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa; warri wayinii dhaabbattan booʼaa; sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.
JOE 1:12 Wayiniin gogeera; harbuunis coollageera; roomaaniin, meexxii fi hudhaan, mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru. Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa irraa badeera.
JOE 1:13 Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa. Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa; kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.
JOE 1:14 Sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa. Maanguddootaa fi warra biyyattii keessa jiraatan hunda gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii Waaqayyootti booʼaa.
JOE 1:15 Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera. Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii; inni akkuma badiisaatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
JOE 1:16 Ijuma keenya duratti nyaanni cite; ilillee fi gammachuunis mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?
JOE 1:17 Sanyiin lafa keessatti tortoree hafe. Mankuusni diigameera; gombisaan caccabeera; midhaan gogee hafeeraatii.
JOE 1:18 Loon akkam marʼatu! Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef asii fi achi joora; bushaayeenis dhiphataniiru.
JOE 1:19 Yaa Waaqayyo ani sin waammadha; ibiddi lafa dheedaa barbadeessee arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.
JOE 1:20 Bineensonni bosonaa sitti gaggabu; lagni bishaanii gogeera; ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.
JOE 2:1 Xiyoon keessatti malakata afuufaa; gaara koo qulqulluu irratti sagalee akeekkachiisaa dhageessisaa. Guyyaan Waaqayyoo dhufaa jiraatii; warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan. Guyyaan sun dhiʼaateera;
JOE 2:2 guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa, guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa. Sabni guddaa fi jabaan tokko akkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa; wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beeku yookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu.
JOE 2:3 Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa; dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa. Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata; dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti; wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu.
JOE 2:4 Isaan bifa fardeenii qabu; akkuma fardeen lolaas ni gulufu.
JOE 2:5 Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin fiixee tulluu irra utaalu; akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu, akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti.
JOE 2:6 Saboonni jara arginii dhiphatu; fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa.
JOE 2:7 Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu; akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu. Hundi isaanii tarree galanii deemu; isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu.
JOE 2:8 Isaan wal hin dhiiban; hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu. Utuu toora isaanii hin dhiisin ittisa cabsanii seenu.
JOE 2:9 Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu; dallaa irra fiigu. Isaan mana yaabbatu; akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu.
JOE 2:10 Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti; samiin ni raafama; aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu; urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan.
JOE 2:11 Waaqayyo fuula loltoota isaa duratti sagalee dhageessisa; loltoonni isaa akka malee baayʼee dha; warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha. Guyyaan Waaqayyoo guddaa dha; guyyaan sun akka malee nama sodaachisa. Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?
JOE 2:12 “Amma iyyuu garaa guutuudhaan, soomaan, booʼichaa fi gaddaan gara kootti deebiʼaa” jedha Waaqayyo.
JOE 2:13 Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin garaa keessan tarsaasaa. Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa; inni arjaa fi gara laafessaatii; inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha; inni badiisa erguu irraa of qusata.
JOE 2:14 Maaltu beeka? Tarii inni deebiʼee gaabbee eebba, kennaa midhaaniitii fi kennaa dhugaatii kan Waaqayyo Waaqa keessaniif taʼu isiniif hambisa taʼa.
JOE 2:15 Xiyoon keessatti malakata afuufaa; sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa.
JOE 2:16 Saba walitti qabaa; waldaa sana qulqulleessaa; maanguddoota walitti fidaa; ijoollee walitti qabaa; daaʼimman harma hodhan illee hin hambisinaa. Misirrichi kutaa isaa keessaa haa baʼu; misirrittiinis diinqa isheetii haa baatu.
JOE 2:17 Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduutti haa booʼan. Isaan akkana haa jedhan; “Yaa Waaqayyo saba kee baraari. Handhuuraa kee waan qoosaa, saboota gidduuttis waan kolfaa hin godhin. Isaan maaliif namoota gidduutti, ‘Waaqni isaanii eessa jira?’ jedhu?”
JOE 2:18 Waaqayyo biyya isaatiif ni hinaafa; saba isaatiifis garaa laafa.
JOE 2:19 Waaqayyo akkana jedhee deebii kennaaf: “Ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii ejersaa kan isin quubsu isiniif nan erga; ani lammata saboota gidduutti waan qoosaa isin hin godhu.
JOE 2:20 “Ani loltoota kaabaa isin duraa balleessee gara lafa gogaa fi duwwaatti isaan ariʼa; loltoonni fuula duraan yaaʼan galaana baʼa biiftuu, kanneen dugda duubaan yaaʼan immoo galaana gama lixa biiftuu seenu. Reeffi isaanii ni xiraaʼa; xiraan isaaniis ol baʼa.” Dhugumaan inni waan guddaa hojjeteera!
JOE 2:21 Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin; gammadiitii ililchi. Waaqayyo dhugumaan waan guddaa hojjeteera!
JOE 2:22 Yaa bineensota bosonaa, isinis hin sodaatinaa; dirreen dheedaa gabbachaa jiraatii. Mukkeen ija naqachaa, harbuu fi wayiniinis ija kennaa jiru.
JOE 2:23 Yaa uummata Xiyoon gammadi; Waaqayyo Waaqa keetti gammadi; inni qajeelummaadhaan rooba arfaasaa siif kenneeraatii. Inni akkuma durii bokkaa baayʼee, rooba arfaasaa fi kan birraa siif erga.
JOE 2:24 Oobdiin midhaaniin guutama; boolli itti wayinii cuunfanis daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaan guutamanii dhangalaasu.
JOE 2:25 “Ani waan bara hawwaannisni nyaate, waan hawwaannisni gurguddaa fi xixinnaan nyaate, waan hawwaannisni kaanii fi tuunni hawwaannisaa jechuunis loltoonni koo jajjaboon ani gidduu keessanitti erge sun nyaatan iddoo isiniif nan buusa.
JOE 2:26 Isin waan hamma quuftanitti nyaattan baayʼee ni qabaattu; maqaa Waaqayyo Waaqa keessanii kan waan dinqii isiniif hojjete sanaa ni galateeffattu; uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
JOE 2:27 Ergasii isin akka ani Israaʼel keessa jiru akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe, akka ana malee Waaqni biraa hin jirre ni beektu; uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
JOE 2:28 “Anis kana booddee, Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa. Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu; dargaggoonni keessan mulʼata argu.
JOE 2:29 Bara sana keessa, garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee Hafuura koo nan dhangalaasa.
JOE 2:30 Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
JOE 2:31 Utuu guyyaan Waaqayyoo inni guddichii fi sodaachisaan sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
JOE 2:32 Namni maqaa Waaqayyoo waammatu hundinuu ni fayya; akkuma Waaqayyo dubbatettis Tulluu Xiyoon irraa fi Yerusaalem keessa, furamatu jiraata; hambaa gidduuttis warri Waaqayyo isaan waame ni argamu.
JOE 3:1 “Bara sana keessa, yeroo sanatti, ani yommuun boojuu Yihuudaatii fi Yerusaalem deebisutti,
JOE 3:2 saboota hunda walitti qabeen gara Sulula Yehooshaafaaxitti gad isaan nan buusa. Anis achitti sababii dhaala koo, sababii Israaʼeliif isaanitti nan mura; isaan saboota gidduutti saba koo bittinneessanii biyya koos gargar qooddataniiruutii.
JOE 3:3 Isaan uummata kootti ixaa buufatanii ijoollee dhiiraas sagaagalummaatti geeddarataniiru; akka dhuganiif dubara illee daadhii wayiniitti gurguratan.
JOE 3:4 “Yaa Xiiroosii fi Siidoonaa, isin kutaaleen Filisxeem hundinuu, amma maal narraa qabdu? Isin waan ani godheef haaloo na baafachaa jirtuu? Yoo isin haaloo na baafachaa jirtu taʼe ani dafee ariitiidhaan waan isin hojjettan sana matuma keessanittin deebisa.
JOE 3:5 Isin meetii fi warqee koo guurrattanii qabeenya koo filatamaas mana waaqeffannaa keessanitti geeffattaniirtuutii.
JOE 3:6 Isin biyya isaanii irraa isaan fageessitanii uummata Yihuudaatii fi Yerusaalem Giriikotatti gurgurattan.
JOE 3:7 “Kunoo, ani biyya isin itti isaan gurgurattan keessaa isaan baasee waan isin hojjettan sana matuma keessanitti nan deebisa.
JOE 3:8 Ani ilmaanii fi intallan keessan saba Yihuudaatti nan gurgura; isaan immoo saba fagoo jiru kan Saabaa jedhamutti dabarsanii isaan gurguratu.” Waaqayyo dubbateeraatii.
JOE 3:9 Waan kana saboota gidduutti labsaa: Waraanaaf qophaaʼaa! Gootota kakaasaa! Loltoonni hundi dhiʼaatanii haa lolan.
JOE 3:10 Maarashaa keessan tumaatii goraadee godhadhaa; haamtuu keessanis tumaatii eeboo godhadhaa. Namni laafaan, “Ani jabaa dha!” haa jedhu.
JOE 3:11 Isin saboonni qixa hundaan dafaa kottaattii achitti walitti qabamaa. Yaa Waaqayyo, loltoota kee gad ergi!
JOE 3:12 “Saboonni haa kaʼan; isaan dafanii gara Sulula Yehooshaafaax haa dhufan; ani saboota gama hundaan jiranitti muruuf achi nan taaʼaatii.
JOE 3:13 Midhaan gaʼeeraatii haamtuu itti kaaʼaa. Kottaatii ija wayinii dhidhiitaa; boolli itti wayinii cuunfan guuteeraatii; sababii hamminni isaanii guddaa taʼeef boolli itti wayinii cuunfan guutee irra dhangalaʼeera!”
JOE 3:14 Waldaan guddaan, waldaan nama baayʼee sulula murtii keessatti wal gaʼeera! Guyyaan Waaqayyoo sulula murtii keessatti dhufuu gaʼeeraatii.
JOE 3:15 Biiftuu fi addeessi ni dukkanaaʼu; urjiiwwanis siʼachi ifa hin kennan.
JOE 3:16 Waaqayyo Xiyoon irraa ni iyya; Yerusaalem keessaas sagalee dhageessisa; lafaa fi samiin ni raafamu. Waaqayyo garuu saba isaatiif iddoo itti baqatan, saba Israaʼeliif immoo daʼoo ni taʼa.
JOE 3:17 “Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqni keessan Xiyoon keessa, gaara koo qulqulluu sana irra jiraadhu ni beektu. Yerusaalem qulqulluu taati; namoonni biyya alaa gonkumaa lammata ishee hin weeraran.
JOE 3:18 “Gaafas tulluuwwan daadhii wayinii haaraa ni coccobsu; gaarranis aannan yaasu; lageen Yihuudaa hundinuu bishaaniin guutamu. Burqaan tokko mana Waaqayyoo keessaa burqee sulula Shixiim ni obaasa.
JOE 3:19 Gibxi garuu ni onti; Edoomis duwwaa hafti; isaan dhiiga nama yakka hin qabnee biyyattii keessatti dhangalaasuudhaan saba Yihuudaatti daba hojjetaniiruutii.
JOE 3:20 Yihuudaan bara baraan, Yerusaalemis dhaloota hundaaf iddoo jireenyaa ni taati.
JOE 3:21 Ani dhiiga isaanii kan yakka hin qabne sana utuun haaloo hin baʼin nan dhiisaa? Lakkii, hin dhiisu.”
AMO 1:1 Kun mulʼata Amoos inni tikseewwan Teqooʼaa keessaa tokko ture sun bara Uziyaan mootii Yihuudaa, Yerobiʼaam ilmi Yooʼaash immoo mootii Israaʼel turetti, utuu sochiin lafaa hin taʼin waggaa lama dura waaʼee Israaʼel argee dha.
AMO 1:2 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo Xiyoon keessaa iyya; Yerusaalem keessaa sagalee dhageessisa; dirreen tiksoonni itti bobbaasan ni goga; fiixeen gaara Qarmeloosis ni coollaga.”
AMO 1:3 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Damaasqoo sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isaan meeshaa ittiin midhaan dhaʼan kan ilkaan sibiilaa qabuun Giliʼaadin tumaniif,
AMO 1:4 ani ibidda daʼannoo Ben-Hadaad barbadeessu tokko, mana Hazaaʼeelitti nan erga.
AMO 1:5 Ani karra Damaasqoo nan cabsa; mootii Sulula Aawwen keessa jiruu fi isa Beet Eden keessatti bokkuu qabatu nan balleessa. Uummanni Sooriyaa boojiʼamee Qiiritti ni geeffama” jedha Waaqayyo.
AMO 1:6 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Gaazaa sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isheen hawaasa hunda boojitee Edoomitti gurguratteef,
AMO 1:7 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Gaazaatti nan erga.
AMO 1:8 Ani mootii Ashdoodii fi isa Ashqaloon keessatti bokkuu qabatu sana nan balleessa. Ani hamma hambaan Filisxeemotaa duʼuutti harka koo Eqroonitti nan deebifadha” jedha Waaqayyo Gooftaan.
AMO 1:9 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Xiiroos sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isheen walii galtee obbolummaa cabsitee hawaasa boojiʼame guutuu Edoomitti gurguratteef
AMO 1:10 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Xiiroositti nan erga.”
AMO 1:11 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Edoom sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni gara laafina hunda gatee obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeef, sababii aariin isaa ittuma fufee hoʼee dheekkamsi isaas utuu hin dhowwamin bobaʼeef,
AMO 1:12 ani ibidda daʼannoo Bozraa barbadeessu tokko Teemaanitti nan erga.”
AMO 1:13 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Amoon sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedhee dubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef
AMO 1:14 ani guyyaa lolaatti wacaan, guyyaa qilleensa hamaatti immoo bubbee jabaadhaan ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Rabbaatti nan erga.
AMO 1:15 Mootiin ishee boojiʼamee innii fi qondaaltonni isaa wajjin ni boojiʼamu” jedha Waaqayyo.
AMO 2:1 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Moʼaab sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni lafee mootii Edoom gubee daaraa godheef,
AMO 2:2 ani ibidda daʼannoo Keriiyooti barbadeessu tokko Moʼaabitti nan erga. Moʼaab iyya waraanaatii fi sagalee malakataatiin duʼa.
AMO 2:3 Ani bulchaa ishee ajjeesee qondaaltota ishee hundas isa wajjinin fixa” jedha Waaqayyo.
AMO 2:4 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Yihuudaa sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isaan seera Waaqayyoo didanii ajaja isaas hin eeginiif, sababii isaan waaqota sobaa, waaqota abbootiin isaanii duukaa buʼan sanaan karaa irraa jalʼataniif,
AMO 2:5 ani ibidda daʼannoo Yerusaalem barbadeessu tokko Yihuudaatti nan erga.”
AMO 2:6 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Israaʼel sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Isaan qajeeltota meetiitti, rakkattoota immoo kophee cimdii tokkotti gurguratan.
AMO 2:7 Isaan akkuma biyyoo lafaatti mataa hiyyeeyyii irra ijaajjanii cunqurfamaas murtii qajeelaa dhowwatan. Abbaa fi ilmi durba tokkotti galanii akkasiin maqaa koo qulqulluu xureessan.
AMO 2:8 Isaan uffata qabdiidhaan nama irraa fudhatan irra iddoo aarsaa hunda bira ciciisan. Isaan daadhii wayinii kan warra adabaman biraa dhufe, mana waaqa isaanii keessatti dhugu.
AMO 2:9 “Inni akkuma birbirsaa dheeratee akka qilxuu jabaatu iyyuu, ani namicha Amoor sana fuula isaanii duratti galaafadheera. Ani gubbaadhaa ija isaa, jalaan immoo hidda isaa balleesseera.
AMO 2:10 “Ani biyya Amoorotaa isiniif kennuuf jedhee, biyya Gibxiitii isin baasee waggaa afurtama gammoojjii keessa isinan geggeesse.
AMO 2:11 “Akkasumas ani ilmaan keessan gidduudhaa raajota, dargaggoota keessan gidduudhaa immoo Naaziroota kaaseera. Yaa saba Israaʼel, wanni kun dhuguma mitii?” jedha Waaqayyo.
AMO 2:12 “Isin garuu Naaziroota daadhii wayinii obaaftanii akka raajonnis raajii hin dubbanne ajajjan.
AMO 2:13 “Ani akkuma gaariin yommuu midhaaniin guutamu caccabu sana, amma isinan caccabsa.
AMO 2:14 Saffisaan hin miliqu; namoonni jajjaboon humna isaanii hin jabeeffatan; loltuunis lubbuu isaa hin oolfatu.
AMO 2:15 Abbaan xiyyaa jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu; loltuun saffisaan fiigee jalaa hin baʼu; abbaan fardaas lubbuu isaa oolfachuu hin dandaʼu.
AMO 2:16 Loltoonni akka malee jajjaboon iyyuu gaafas qullaa isaanii baqatu” jedha Waaqayyo.
AMO 3:1 Yaa saba Israaʼel, dubbii Waaqayyo isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa:
AMO 3:2 “Ani maatiiwwan lafa irra jiraatan hunda keessaa isin qofa filadheera; kanaafuu ani cubbuu keessan hundaaf isinan adaba.”
AMO 3:3 Yoo walii galan malee namoonni lama wajjin ni deemuu?
AMO 3:4 Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatin bosona keessaa ni aadaa? Inni yoo waa qabate malee holqa isaa keessaa ni aadaa?
AMO 3:5 Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminitti kiyyoo keessa ni seentii? Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirre akkasumatti lafaa ni utaalaa?
AMO 3:6 Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame, namoonni hin raafamanii? Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe, Waaqayyotu waan sana fide mitii?
AMO 3:7 Dhugumaan Waaqayyo Gooftaan utuu tajaajiltoota isaa raajotatti hin mulʼisin waan tokko illee hin hojjetu.
AMO 3:8 Leenci aadeera; eenyutu hin sodaanne ree? Waaqayyo Gooftaan dubbateera; yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree?
AMO 3:9 Daʼannoo Ashdoodiitii fi daʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa: “Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa; jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu fi cunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa.”
AMO 3:10 “Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi waan saamame kuufatan akka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan” jedha Waaqayyo.
AMO 3:11 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Diinni biyya keessan marsa; jabina keessan gad buusa; daʼannoowwan keessanis ni saama.”
AMO 3:12 Waaqayyo akkana jedha: “Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaanii yookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana, Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra, Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼan akkasuma ni baraaramu.”
AMO 3:13 “Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaqoobitti dhugaa baʼaa” jedha Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu.
AMO 3:14 “Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti, iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa; gaanfawwan iddoo aarsaas caccabanii lafatti ni harcaʼu.
AMO 3:15 Ani mana gannaatii fi mana bonaa nan diiga; manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu; manneen gurguddaanis ni balleeffamu” jedha Waaqayyo.
AMO 4:1 Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan, yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitanii dhirsoota keessaniin, “Dhugaatii nuuf fidaa!” jettan dubbii kana dhagaʼaa.
AMO 4:2 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera: “Yeroon isin itti hokkoodhaan, isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiin qabamu tokko dhugumaan ni dhufa.
AMO 4:3 Isin tokko tokkoon qajeeltanii qaawwa dallaatiin ni baatu; gara Harmoonittis ni darbatamtu” jedha Waaqayyo.
AMO 4:4 “Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa; Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa. Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa; waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaa harka tokko fidaa.
AMO 4:5 Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa; aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas; yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii, ittiin boonaa” jedha Waaqayyo Gooftaan.
AMO 4:6 “Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera; magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera; isin garuu gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
AMO 4:7 “Ani yeroo midhaan haamamuuf jiʼi sadii hafutti bokkaa isin irraa nan kute. Ani magaalaa tokkotti bokkaa ergee kaan irraa immoo nan dhaabe. Lafti qonnaa tokko bokkaa argatee kaan garuu homaa dhabee goge.
AMO 4:8 Uummanni bishaan barbaacha magaalaadhaa gara magaalaatti joore; garuu waan dhugaatiif isa gaʼu hin arganne; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
AMO 4:9 “Ani yeroo hedduu iddoo biqiltuutii fi wayinii keessan waagii fi awwaaroodhaan dhaʼeen balleesse. Hawwaannisni harbuu fi ejersa keessan barbadeesse; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
AMO 4:10 “Ani akkuman biyya Gibxi godhe sana dhaʼicha isinitti nan erge. Ani fardeen isin boojitan wajjin dargaggoota keessan goraadeedhaan nan fixe. Ajaa qubata keessaniitiin funyaan keessan nan guute; isin garuu gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
AMO 4:11 “Ani akkuman Sodoomii fi Gomoraa garagalche sana isin keessaa nama tokko tokko garagalcheera. Isin akkuma muka bobaʼu kan ibidda keessaa butamee ti; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
AMO 4:12 “Kanaafuu yaa Israaʼel, ani akkanan isin godha; sababii ani akkana isin godhuuf yaa Israaʼel Waaqa kee arguuf qophaaʼi.”
AMO 4:13 Inni tulluuwwan tolchee bubbee uumee yaada isaa namatti mulʼisu sun, inni barii dukkaneessee iddoowwan lafa ol kaʼoo irra ejjetu sun, maqaan isaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu dha.
AMO 5:1 Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa:
AMO 5:2 “Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti; isheen lammata hin kaatu; biyyuma ishee keessatti gatamtee nama ol ishee qabu tokko illee dhabde.”
AMO 5:3 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteef dhibba tokko qofatu hafa; magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteef kudhan qofatu hafa.”
AMO 5:4 Waaqayyo mana Israaʼeliin akkana jedha: “Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;
AMO 5:5 Beetʼeelin hin barbaaddatinaa; Gilgaal hin dhaqinaa; Bersheebaattis hin ceʼinaa. Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti; Beetʼeelis ni dhabamti.”
AMO 5:6 Waaqayyoon barbaaddadhaatii jiraadhaa; yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaa mana Yoosef keessa baʼee haxaaʼaa; ibiddi sun ishee guba; Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuu hin qabaattu.
AMO 5:7 Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartanii qajeelummaas lafatti harcaaftanii dha.
AMO 5:8 Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume, kan dukkana bariitti geeddaru, inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu, kan galaana keessaa bishaan ol waamee fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu maqaan isaa Waaqayyoo dha.
AMO 5:9 Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida; magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa.
AMO 5:10 Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu; kan dhugaa dubbatus ni balfu.
AMO 5:11 Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu. Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu manneen sana keessa hin jiraattan; isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu daadhii wayinii isaanii hin dhugdan.
AMO 5:12 Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii. Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu; hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu.
AMO 5:13 Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata; barri kun bara hamaadhaatii.
AMO 5:14 Akka lubbuudhaan jiraattaniif waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa. Yoos akkuma isin jettan sana Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.
AMO 5:15 Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa; mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu tarii hambaa Yoosefiif garaa laafa taʼaatii.
AMO 5:16 Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Daandii hunda irra booʼicha, oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira. Qonnaan bultoonni akka booʼaniif, warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu.
AMO 5:17 Ani gidduu keessan waanan darbuuf iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa” jedha Waaqayyo.
AMO 5:18 Isin warra guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitaniif wayyoo! Isin maaliif guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitu! Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii.
AMO 5:19 Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼee afaan amaaketaa buʼu tokkoo ti; yookaan akka nama mana isaa seenee harka isaa keenyan manaa irra kaaʼatee bofti isa idde tokkoo ti.
AMO 5:20 Guyyaan Waaqayyoo ifa utuu hin taʼin dukkana mitii? Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii?
AMO 5:21 “Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas; waldaa keessanittis hin gammadu.
AMO 5:22 Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu. Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu ani homaattuu isa hin lakkaaʼu.
AMO 5:23 Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa! Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu.
AMO 5:24 Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa, qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!
AMO 5:25 “Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
AMO 5:26 Isin waan harkuma keessaniin tolfattan jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii, utubaa waaqa keessan tolfamaatii fi fakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu.
AMO 5:27 Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif, Damaasqoodhaan gamatti isinan erga” jedha Waaqayyo inni maqaan isaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun.
AMO 6:1 Yaa warra yaaddoo malee Xiyoon keessa jiraattan, kanneen Tulluu Samaariyaa irra waan nagaadhaan jiraatan seetan, isaan namoota ulfaatoo saba durii, kanneen sabni Israaʼel gara isaanii dhufuuf wayyoo!
AMO 6:2 Gara Kaalneetti darbaatii ilaalaa; achii kaʼaatii gara Hamaati guddichaa dhaqaa; ergasii immoo Gaati Filisxeem keessaatti gad buʼaa. Isaan mootummoota keessan lamaan caaluu? Biyyi isaanii biyya keessan caalaa balʼataa?
AMO 6:3 Isin guyyaa hamaa fageessitanii bulchiinsa jeequmsaa fiddu.
AMO 6:4 Isin siree ilka arbaatiin miidhagfame irra ciiftu; siree keessan dinkii irra boqottu. Isin xobbaallaa hoolaa filatamoo fi jabbii coccoomoo nyaattu.
AMO 6:5 Isin sagalee baganaatiin weedduu faayidaa hin qabne weeddiftu; akkuma Daawitis meeshaa muuziiqaa qaqqajeelfattu.
AMO 6:6 Isin xoofoo keessaa daadhii wayinii dhugdu; dibata akka malee gaarii dibattu; garuu badiisa Yoosefiif hin gadditan.
AMO 6:7 Kanaafuu isin warra jalqabatti boojiʼaman wajjin boojiʼamtanii fudhatamtu; burraaquu fi bashannanuun keessan ni hafa.
AMO 6:8 Waaqayyo Gooftaan ofii isaatiin kakateera; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani of tuulummaa Yaaqoob nan balfa; daʼannoo isaas nan jibba; ani magaalattii fi waan ishee keessa jiru hunda dabarsee nan kenna.”
AMO 6:9 Namoonni kudhan yoo mana tokko keessatti hafan isaanis ni dhumu.
AMO 6:10 Yoo firri reeffa baasee gubu tokko mana sana keessaa baasuuf dhufee nama dhokatee achi jiru kamiin iyyuu, “Namni tokko iyyuu si wajjin jiraa?” jedhee gaafatee namichi sun, “Hin jiru” jedheen, inni “Calʼisi! Nu maqaa Waaqayyoo dhaʼuu hin qabnu” jedhaan.
AMO 6:11 Kunoo Waaqayyo ajaja kenneeraatii, manneen gurguddaan ni barbadaaʼu; manneen xixinnoonis ni caccabu.
AMO 6:12 Fardeen kattaawwan irra ni fiiguu? Namni tokko qotiyyoodhaan achi ni qotaa? Isin garuu murtii qajeelaa gara summiitti, ija qajeelummaas gara hadhaatti geeddartaniirtu;
AMO 6:13 isin warra Lodebaar moʼachuutti gammaddanii, “Nu humna keenyaan Qaarnaayim qabanne mitii?” jettanii dha.
AMO 6:14 Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii; “Yaa mana Israaʼel, ani saba Leeboo Hamaatii jalqabee hamma sulula Arabbaatti karaa keessan hunda irratti isin cunqursu tokko isinittin kaasa.”
AMO 7:1 Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: Inni erga qoodni mootichaa haamamee booddee, utuma midhaan lammaffaan gaʼaa jiruu tuuta hawwaannisaa qopheesse.
AMO 7:2 Anis erga hawwaannisni sun lafa barbadeessee booddee, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, nuuf araarami! Yaaqoob akkamiin dandaʼee badiisa irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
AMO 7:3 Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe. Waaqayyos, “Wanni kun hin taʼu” jedhe.
AMO 7:4 Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise; Waaqayyo Gooftaan murtii kennuuf ibidda waamaa ture; ibiddi sunis tuujuba guddaa gogsee lafas ni barbadeesse.
AMO 7:5 Kana irratti ani, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani sin kadhadhaa, waan kana nurraa dhaabi! Yaaqoob akkamiin waan kana irraa hafa? Inni daaʼima xinnaa dha!” jedheen iyye.
AMO 7:6 Kanaafuu Waaqayyo ni gaabbe. Waaqayyo Gooftaan, “Wanni kunis hin taʼu” jedhe.
AMO 7:7 Inni waan kana na argisiise: Gooftaan tumbii harkatti qabatee dallaa tumbiidhaan ijaarame bira dhaabachaa ture.
AMO 7:8 Waaqayyos, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Anis, “Tumbii nan arga” jedheen deebise. Gooftaanis akkana naan jedhe; “Kunoo ani saba koo Israaʼel gidduu tumbii tokko nan kaaʼa; ani siʼachi isaan hin baraaru.
AMO 7:9 “Iddoowwan sagadaa Yisihaaq ni barbadaaʼu; iddoon qulqulluun Israaʼelis ni ona; ani goraadee kootiin mana Yerobiʼaamitti nan kaʼa.”
AMO 7:10 Ergasii Amasiyaa lubni Beetʼeel akkana jedhee Yerobiʼaam mooticha Israaʼelitti ergaa tokko erge; “Amoos garaa Israaʼel keessatti sitti malateera. Dubbii isaa hunda lafti iyyuu baachuu hin dandeessu.
AMO 7:11 Amoos akkana jedheeraatii: “ ‘Yerobiʼaam goraadeedhaan duʼa; Israaʼelis dhugumaan boojiʼamee biyya isaatii ni fudhatama.’ ”
AMO 7:12 Kana irratti Amasiyaan Amoosiin akkana jedhe; “Yaa ilaaltuu nana, sokki! Biyya Yihuudaatti deebiʼi. Achitti buddeena nyaadhu; raajiis dubbadhu.
AMO 7:13 Sababii inni iddoo qulqulluu mootichaatii fi mana qulqullummaa mootummaa taʼeef ati lammata Beetʼeel keessatti raajii hin dubbatin.”
AMO 7:14 Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; “Ani raajii yookaan ilma raajii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture.
AMO 7:15 Waaqayyo garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe.
AMO 7:16 Egaa amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Ati akkana jetta; “ ‘Ati Israaʼeliin mormuudhaan raajii hin dubbatin; mana Yisihaaq mormuudhaan lallabuu dhiisi.’
AMO 7:17 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Niitiin kee magaalaa keessatti sagaagaltuu taati; ilmaan keetii fi intallan kee goraadeedhaan dhumu. Biyyi kee safaramtee gargar qoodamti; ati mataan kee iyyuu biyya ormaatti duuta. Israaʼel dhugumaan boojiʼamee biyya isaatii ni fuudhama.’ ”
AMO 8:1 Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha.
AMO 8:2 Innis, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef. Ergasii Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.”
AMO 8:3 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!”
AMO 8:4 Isin warri rakkattoota dhidhiittanii hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa;
AMO 8:5 isin akkana jettu; “Akka nu midhaan gurgurannuuf Baatiin Haaraan yoom goobana? Akka nu qamadii gabaa baafannuuf Sanbanni yoom darba?” Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin nama gowwoomsitanii saamtu;
AMO 8:6 hiyyeeyyii meetiidhaan, rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii girdiis qamadii wajjin gurgurattu.
AMO 8:7 Waaqayyo akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu.
AMO 8:8 “Sababii kanaaf lafti kirkirtee namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii? Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa; isheen akkuma laga Gibxi ol dadarbatamtee liqimfamti.”
AMO 8:9 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Bara sana, “Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha.
AMO 8:10 Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti, sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara. Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii mataa keessan haaddattan nan godha. Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa, dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.”
AMO 8:11 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa; innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.
AMO 8:12 Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaacha galaanaa gara galaanaatti, kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru; garuu hin argatan.
AMO 8:13 “Bara sana “Shamarran babbareedoo fi dargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu.
AMO 8:14 Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatan yookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan, yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhanii kakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu.”
AMO 9:1 Utuu Gooftaan iddoo aarsaa bira dhaabatuu nan arge; innis akkana jedhe: “Akka buusaawwan balbalaa raafamaniif fiixee utubaa dhaʼi. Mataa nama hundaa irratti gad isaan harcaasi; warra hafe immoo anatu goraadeedhaan fixa. Tokkoon isaanii iyyuu baqatanii hin baʼan; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqu.
AMO 9:2 Yoo isaan boolla qilee qotatan iyyuu harki koo achii isaan fuudha. Yoo isaan samiitti ol baʼan iyyuu ani achii gad isaan nan buusa.
AMO 9:3 Yoo isaan fiixee Qarmeloos irra dhokatan iyyuu, ani achii adamsee qabee gad isaan nan fida. Yoo isaan galaana jala na dhokatan iyyuu, ani akka inni achitti isaan idduuf bofa itti nan ajaja.
AMO 9:4 Yoo diinonni isaanii boojiʼanii isaan fudhatan, achitti goraadee isaan fixxu itti nan ajaja. “Ani waan gaariidhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf ija koo isaan irra nan buusa.”
AMO 9:5 Gooftaan, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu lafa ni tuqa; isheenis ni baqxi; wanni ishee irra jiraatu hundinuu ni booʼa; biyyattiin guutuun akka laga Abbayyaa ol kaati; ergasiis akka laga Gibxi gad galti;
AMO 9:6 inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee hundee isaa lafa irra dhaabbatu, inni bishaanota galaanaa waamee fuula lafaa irratti gad roobsu sun maqaan isaa Waaqayyo.
AMO 9:7 “Isin Israaʼeloonni anaaf akkuma saba Itoophiyaa mitii?” jedha Waaqayyo. “Ani Israaʼeloota biyya Gibxiitii, Filisxeemota Kaftoorii, warra Sooriyaa immoo Qiirii baasee hin fidnee?
AMO 9:8 “Dhugumaan iji Waaqayyo Gooftaa mootummaa cubbamaa irra jira. Ani fuula lafaa irraa isa nan balleessa; taʼus ani guutumaan guutuutti mana Yaaqoob hin balleessu” jedha Waaqayyo.
AMO 9:9 “Ani ajaja kennee akkuma midhaan gingilchaadhaan gingilfamee iji tokko iyyuu lafa hin buune sana saboota hunda gidduutti mana Israaʼel nan gingilcha.
AMO 9:10 Cubbamoonni saba koo gidduu jiraatan hundi Warri, ‘Balaan nu hin argatu yookaan nutti hin dhufu’ jedhan hundi goraadeedhaan dhumu.
AMO 9:11 “Ani bara sana keessa dunkaana Daawit “Kan kufe sana deebisee nan dhaaba. Kan tarsaʼes walitti nan supha; diigamaa isaa iddootti deebisee akka duraatti nan ijaara;
AMO 9:12 kunis akka isaan hambaa Edoomii fi saboota maqaa kootiin waamaman hunda dhaalaniif” jedha Waaqayyo, inni waan kana hojjetu.
AMO 9:13 Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, barri itti namni haamu tokko isa qotu qaqqabu, “namni wayinii dhaabu immoo isa cuunfu qaqqabu tokko ni dhufa; Daadhiin wayinii haaraan tulluuwwan irraa ni coccopha; gaarran hunda keessaas ni yaaʼa.
AMO 9:14 Ani saba koo Israaʼelin boojuudhaa nan deebisa. “Isaanis magaalaawwan diigaman deebisanii ijaaranii keessa ni jiraatu. Isaan wayinii dhaabanii, daadhii wayinii isaanii ni dhugu; isaan biqiltuu dhaabbatanii ija isaa ni nyaatu.
AMO 9:15 Ani Israaʼeloota biyya ofii isaanii keessa nan dhaaba; isaan biyya ani isaaniif kenne keessaa lammata hin buqqifaman,” jedha Waaqayyo Waaqni kee.
OBA 1:1 Mulʼata Obaadiyaa. Waaqayyo Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha. Nu ergaa tokko Waaqayyo irraa dhageenyeerra: Ergamaan tokko, “Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa; waraanaafis baʼaa” jechuuf gara sabootaatti ergame.
OBA 1:2 “Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa; atis akka malee tuffatamta.
OBA 1:3 Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraattee mana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu, kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu, of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
OBA 1:4 Yoo ati akkuma risaa ol fagaattee urjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu, ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
OBA 1:5 “Hattuun yoo sitti dhuftee saamtuun halkaniin sitti seente, balaa akkamiitu si eeggata! Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii? Warri ija wayinii guuran utuu gara kee dhufanii, silaa qarmii wayii hin dhiisanii?
OBA 1:6 Esaawu garuu akkam saamamee qabeenyi isaa dhokfamaanis jalaa guurame!
OBA 1:7 Gareen kee hundinuu gara moggaatti si dhiiba; michoonni kee si gowwoomsanii si moʼatu; warri buddeena kee nyaatan kiyyoo si dura kaaʼu; ati garuu waan kana hin hubattu.
OBA 1:8 “Ani bara sana ogeeyyii Edoom, namoota hubannaa qaban tulluuwwan Esaaw irraa hin balleessuu?” jedha Waaqayyo.
OBA 1:9 “Yaa Teemaan qabsaaʼonni kee ni rifatu; namni tulluuwwan Esaawuu irra jiraatu hundinuus gorraʼamee dhuma.
OBA 1:10 Sababii daba obboleessa kee Yaaqoobitti hojjetameetiif ati qaaniidhaan haguugamta; bara baraanis ni balleeffamta.
OBA 1:11 Gaafa alagoonni qabeenya isaa guurratanii namoonni ormaa immoo karra isaa seenanii Yerusaalemitti ixaa buufatanitti, atis kophaa dhaabattee isaan keessaa akka isa tokkoo taate.
OBA 1:12 Gaafa inni milkii dhabetti ati obboleessa kee tuffachuu hin qabdu turte; yookaan guyyaa badii isaaniitti saba Yihuudaatti gammaduu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaanii keessa akka malee of tuuluu hin qabdu turte.
OBA 1:13 Bara balaan isaanitti dhufe keessa karra saba kootiin ol seenuu hin qabdu turte; yookaan bara dhaʼichi isaanitti dhufe keessa rakkina isaanii keessatti isaan tuffachuu hin qabdu turte; yookaan bara balaan isaanitti dhufe keessa qabeenya isaanii saamuu hin qabdu turte.
OBA 1:14 Baqattoota isaa fixuuf jettee qaxxaamura karaatti isaan eeggachuu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaa keessa hambaa isaa dabarsitee kennuu hin qabdu turte.
OBA 1:15 “Guyyaan Waaqayyoo saboota hundaaf dhiʼaateera. Akkuma ati hojjette sittis ni hojjetama; hojiin kees matuma keetti deebiʼa.
OBA 1:16 Akkuma isin gaara koo qulqulluu irratti dhugdan sana, saboonni hundinuu ittuma fufanii ni dhugu; isaan itti deddeebiʼanii dhugu; akka waan gonkumaa hin dhuginii taʼu.
OBA 1:17 Tulluu Xiyoon irra garuu furamuun ni jiraata; inni ni qulqullaaʼa; manni Yaaqoobis dhaala isaanii ni dhuunfatu.
OBA 1:18 Manni Yaaqoob ibidda, manni Yoosef immoo arraba ibiddaa taʼa; manni Esaaw huura taʼa; isaanis ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessu. Mana Esaaw keessaa namni tokko iyyuu hin hafu” jedhee dubbateera Waaqayyo.
OBA 1:19 Namoonni Negeeb tulluuwwan Esaaw ni qabatu; namoonni gaarran jala jiraatan immoo biyya Filisxeemotaa qabatu. Isaan dirree Efreemii fi Samaariyaa ni qabatu; Beniyaam immoo biyya Giliʼaad qabata.
OBA 1:20 Gareen boojiʼamtoota Israaʼel kan Kanaʼaan jiraatu kun biyya hamma Saaraptaatti jiru dhaala; boojiʼamtoonni Yerusaalem kanneen Sefaaraad jiraatan magaalaawwan Negeeb dhaalu.
OBA 1:21 Bilisa baastonni tulluuwwan Esaaw bulchuudhaaf Tulluu Xiyoonitti ol baʼu. Mootummaanis kan Waaqayyoo taʼa.
JON 1:1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Yoonaas ilma Amitaayi dhufe:
JON 1:2 “Sababii hamminni ishee fuula koo dura dhufeef, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii isheedhaan mormuudhaan itti lallabi.”
JON 1:3 Yoonaas garuu Waaqayyo duraa baqatee Tarshiishitti qajeele. Innis Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish deemu tokko argate. Erga gatii geejjibaa baasee booddee Waaqayyo duraa miliquuf jedhee doonii yaabbatee Tarshiishitti imale.
JON 1:4 Waaqayyo bubbee jabaa tokko galaanatti erge; dambaliin akka malee jabaan tokko kaanaan dooniin sun gargar caccabuu gaʼe.
JON 1:5 Warri doonii sana oofan hundinuu akka malee sodaatanii tokkoon tokkoon isaanii waaqa isaaniitti iyyatan. Isaanis baʼaa xinneessuuf jedhanii doonii irraa feʼiisa galaanatti gad dadarbatan. Yoonaas garuu garaa doonii seenee ciisee achitti hirribni guddaan isa qabe.
JON 1:6 Ajajaan doonii sanaa gara isaa dhufee, “Ati akkam akkas rafuu dandeessa? Kaʼii waaqa kee waammadhu! Tarii inni nuu dhagaʼee nus duʼa oolla taʼaatii” jedheen.
JON 1:7 Warri doonii oofanis, “Kottaa nama balaa kana nutti fide beekuuf ixaa buufannaatii” waliin jedhan. Isaan ixaa buufannaan ixaan sun Yoonaas irra buʼe.
JON 1:8 Kanaafuu isaan, “Mee nutti himi; namni balaa nutti dhufe kana hundaaf itti gaafatamu eenyu? Hojiin kee maali? Ati eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Ati saba kam keessaa dhalatte?” jedhanii isa gaafatan.
JON 1:9 Innis, “Ani Ibricha Waaqayyo, Waaqa isa samii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha” jedhee deebise.
JON 1:10 Wanni kun isaan sodaachisnaan, “Ati maal goote?” jedhanii isa gaafatan. Isaanis sababii inni duraanuu isaanitti himeef akka inni Waaqayyo duraa miliquuf baqachuutti jiru beekan.
JON 1:11 Galaanni sunis ittuma caalchisee raafamaa dhufe. Kanaafuu isaan, “Nu amma galaana kana tasgabbeessuuf maal si gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
JON 1:12 Innis, “Ol na fuudhaatii galaanatti na darbadhaa; ergasii galaanichi gab jedha. Ani akka dhaʼaan galaanaa hamaan kun sababii balleessaa kootiitiif dhufe nan beeka” jedhee deebise.
JON 1:13 Namoonni sun garuu qooda kanaa doonii sana gara qarqaraatti baasuuf waan dandaʼan hunda yaalan. Isaan garuu galaanni sun ittuma caalchisee raafamaa waan dhufeef baasuu hin dandeenye.
JON 1:14 Kana irratti isaan, “Yaa Waaqayyo, ati sababii lubbuu namicha kanaatiif jettee nu hin fixin. Yaa Waaqayyo ati waan akkuma feete hojjetteef yakka lubbuu nama balleessaa hin qabnee ajjeesuu nutti hin herregin” jedhanii gara Waaqayyootti iyyatan.
JON 1:15 Akkasiin Yoonaasin fuudhanii doonii irraa gad darbatan; galaanni raafamaa ture sunis gab jedhe.
JON 1:16 Kana irratti namoonni sun akka malee Waaqayyoon sodaatanii aarsaa Waaqayyoof dhiʼeessan; wareegas wareeganiif.
JON 1:17 Waaqayyo garuu akka inni Yoonaasin liqimsuuf qurxummii guddaa tokko qopheesse; Yoonaasis guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii sanaa keessa ture.
JON 2:1 Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate.
JON 2:2 Innis akkana jedhe: “Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe; innis deebii naaf kenne. Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye; atis iyya koo naaf dhageesse.
JON 2:3 Ati tuujubatti, garaa galaanaatti gad na darbatte; lolaanis na marse; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu narra garagalan.
JON 2:4 Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera; taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.
JON 2:5 Bishaanonni na haguugan; tuujubni immoo na marse; aramaan galaanaas mataatti na marame.
JON 2:6 Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame; balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.
JON 2:7 “Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdetti ani sin yaadadhe; kadhannaan koos gara kee gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.
JON 2:8 “Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan araara Waaqaa irraa garagalu.
JON 2:9 Ani garuu faarfannaa galataatiin aarsaa siif nan dhiʼeessa. Ani wareegan wareege sanas nan baasa. Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ ” nan jedha.
JON 2:10 Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.
JON 3:1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee yeroo lammaffaa gara Yoonaas dhufe:
JON 3:2 “Gara Nanawwee magaalaa guddittii sanaa dhaqiitii ergaa ani sitti himu kana itti lallabi.”
JON 3:3 Yoonaasis dubbii Waaqayyootiif ajajamee Nanawwee dhaqe. Yeroo sanatti Nanawween magaalaa akka malee guddoo turte; keessa baʼanii darbuufis guyyaa sadii fudhata ture.
JON 3:4 Yoonaas imala guyyaa tokkoo deemuudhaan magaalattiitti gale. Akkana jedhees lallabe: “Nanawween guyyaa afurtama keessatti ni garagalfamti.”
JON 3:5 Warri Nanawwees Waaqatti amanan. Soomas labsanii hundi isaanii xinnaa fi guddaan uffata gaddaa uffatan.
JON 3:6 Yommuu oduun kun mooticha Nanawwee gaʼetti inni teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; wayyaa gaddaas uffatee daaraa keessa taaʼe.
JON 3:7 Ergasii akkana jedhee Nanawwee keessatti labsii labse: “Ajajni mootichaatii fi qondaaltota isaa kanaa dha: Akka namni yookaan horiin tokko iyyuu, karri loonii yookaan bushaayeen waan tokko iyyuu afaaniin qabu hin eeyyaminaa; akka isaan waa nyaatan yookaan dhugan hin eeyyaminaa.
JON 3:8 Garuu namnis, horiinis wayyaa gaddaa haa uffatan. Namni hundinuu dafee Waaqa isaa haa waammatu. Isaan karaa isaanii hamaa sanaa fi yakka harki isaanii hojjetu irraa haa deebiʼan.
JON 3:9 Maaltu beeka? Tarii Waaqni gaabbee garaa nuu laafee dheekkamsa isaa sodaachisaa sana nurraa deebisee, nuus badii oolla taʼaatii.”
JON 3:10 Waaqnis akka isaan waan hamaa irraa deebiʼan hojii isaanii arge; Waaqnis garaa laafeefii balaa isaanitti erguuf yaade sana isaanitti fiduu dhiise.
JON 4:1 Wanni kun Yoonaasin baayʼee hin gammachiifne; inni ni aare.
JON 4:2 Akkana jedhees Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo wanni ani yeroo biyya koo turetti jedhe sun kanuma mitii? Wanni ani Tarshiishitti baqachuuf ariifadheefis kana. Ani akka ati Waaqa arjaa fi garaa laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa guddaa taʼe, Waaqa balaa buusuu irraa of qusatu taate nan beeka.
JON 4:3 Yaa Waaqayyo jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayyaatii amma lubbuu koo fudhadhu.”
JON 4:4 Waaqayyo garuu, “Ati aaruun kee sirriidhaa?” jedheen.
JON 4:5 Yoonaasis magaalattii keessaa baʼee karaa baʼa magaalattiitiin taaʼe. Innis achitti daasii tokko ijaarratee gaaddisa isaa jala taaʼee waan magaalattiin taʼuuf jirtu arguuf eege.
JON 4:6 Waaqayyo Waaqni biqiltuu qopheessee akka inni Yoonaasiin olitti guddatee mataa isaa irra gaaddisa buusee akka gaddi itti qabbanaaʼu godhe; Yoonaasis sababii biqiltuu sanaatiif baayʼee gammade.
JON 4:7 Borumtaa bariis Waaqni biqiltuun sun akka goguuf raammoo isa nyaatu itti erge.
JON 4:8 Yeroo biiftuun baatettis Waaqni bubbee baʼa biiftuu hoʼaa tokko erge; aduunis akka inni gaggabuuf mataa Yoonaasitti baate. Innis duʼuu barbaadee, “Jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayya” jedhe.
JON 4:9 Waaqni garuu, “Ati waaʼee biqiltuu sanaatiif aaruun kee sirriidhaa?” jedheen. Yoonaasis, “Eeyyee. Ani hamma duʼaatti utuun aare iyyuu nan barbaada” jedhe.
JON 4:10 Waaqayyo garuu akkana jedhe; “Ati yoo biqiltuu kana eeguu yookaan akka inni guddatu gochuu baatte illee waaʼee isaa yaaddofteerta. Biqiltuun kun halkanuma tokkoon guddatee halkanuma tokkoon duʼe.
JON 4:11 Nanawween garuu namoota bitaa fi mirga isaanii iyyuu gargar baasanii hin beekne kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamaa fi loon hedduu qabdi. Ani magaalaa guddoo akkasiitiif yaaduu hin qabuu ree?”
MIC 1:1 Bara Yootaam, Aahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa turan keessa dubbiin Waaqayyoo gara Miikiyaas namicha Mooresheet dhufe; kunis mulʼata inni waaʼee Samaariyaatii fi waaʼee Yerusaalem argee dha.
MIC 1:2 Yaa namoota, isin hundinuu dhagaʼaa; lafaa fi wantoonni ishee irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa; Waaqayyo Gooftichi, Gooftaan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessaa dhugaa isinitti baʼa.
MIC 1:3 Kunoo! Waaqayyo iddoo jireenya isaatii dhufaa jira; inni gad dhufee iddoo ol kaʼaa lafaa irra ni ejjeta.
MIC 1:4 Akkuma gagaa fuula ibiddaa dura jiruu, akkuma bishaan tabba irraa gad yaaʼuu tulluuwwan isa jalatti ni baqu; sululawwanis gargar baqaqu.
MIC 1:5 Wanni kun hundi sababii dogoggora Yaaqoobiif, sababii cubbuu mana Israaʼeliif taʼe. Dogoggorri Yaaqoob maali? Samaariyaa mitii? Iddoon sagadaa Yihuudaa maali? Yerusaalem mitii?
MIC 1:6 “Kanaafuu ani Samaariyaa tuullaa diigamaa, lafa wayinii itti dhaabbatan nan godha. Ani dhagaawwan ishee sululatti naqee, hundee ishee qullaa nan hambisa.
MIC 1:7 Waaqonni ishee tolfamoon hundinuu ni hurreeffamu; kennaawwan mana qulqullummaa ishee hundinuu ibiddaan gubamu; ani fakkii ishee hunda nan barbadeessa. Isheen gatii sagaagaltootaa irraa kennaa ishee walitti waan qabatteef, kennaan sun ammas gatii sagaagaltootaa taʼee ni deebiʼa.”
MIC 1:8 Sababii waan kanaatiif ani booʼee nan wawwaadha; ani miilla duwwaa fi qullaa nan deema. Ani akkuma waangoo iyyee, akkuma urunguu nan aada.
MIC 1:9 Madaan ishee waan hin fayyineef, Yihuudaattis darbeera. Karra saba koo dura gaʼeera; Yerusaalemittis dhufeera.
MIC 1:10 Isin waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; gonkumaa hin booʼinaa. Beet Leʼafraatti, awwaara keessa gangaladhaa.
MIC 1:11 Isin warri Shaafiir keessa jiraattan, qullaa fi qaaniidhaan darbaa. Warri Zanaan keessa jiraatan, gad hin baʼan. Beet Eezel booʼicha irra jirti; eegumsi ishee isin irraa fuudhameera.
MIC 1:12 Sababii balaan Waaqayyo biraa dhufee karra Yerusaalem iyyuu gaʼeef, warri Maaroot keessa jiraatan gargaarsa argachuuf wixxirfatu.
MIC 1:13 Ati Laakkiish keessa kan jiraattu, fardeen gaariitti hidhadhu. Ati Intala Xiyooniif jalqaba cubbuu ti; dogoggorri Israaʼel siʼi keessatti argamaatii.
MIC 1:14 Kanaafuu ati Mooresheet Gaatiif kennaa kennita. Manneen Akziib mootota Israaʼeliif gowwoomsitoota taʼu.
MIC 1:15 Ani warra Maareeshaa keessa jiraattanitti moʼataa tokko nan fida. Inni ulfina Israaʼel taʼe gara Adulaam ni dhufa.
MIC 1:16 Sababii gadda ijoollee itti gammadduutiif jedhii mataa kee haaddadhu; akkuma goggocoroo mataa kee moleeffadhu; isaan boojuudhaan sirraa fudhatamuutii.
MIC 2:1 Warra daba karoorfatan kanneen siree isaanii irra ciisanii hammina yaadaniif wayyoo! Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.
MIC 2:2 Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu; manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu. Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa, dhaala isaas ni fudhatu.
MIC 2:3 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira. Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan; yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.
MIC 2:4 Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu; akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu; ‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra; qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera. Inni narraa fudhata! Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’ ”
MIC 2:5 Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu.
MIC 2:6 Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa; waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa; salphinni nutti hin dhufu” jedhu.
MIC 2:7 Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa? Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu? Inni waan akkasii ni hojjetaa?” “Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?
MIC 2:8 Sabni koo akka diinaatti kaʼeera. Isin namoota yaaddoo malee achiin darban kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.
MIC 2:9 Isin dubartoota saba kootii manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu. Eebba koos bara baraan ijoollee isaanii irraa fudhattu.
MIC 2:10 Kaʼaatii asii deemaa! Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti; isheen xurooftee diigamtee baddeerti.
MIC 2:11 Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee, ‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe; inni raajii saba kanaa taʼa!
MIC 2:12 “Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan isin hunda walitti nan qaba; ani hambaa Israaʼel walitti nan fida. Ani akkuma hoolota gola keessaatti, akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida; lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.
MIC 2:13 Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema; isaan cabsanii karraan baʼu. Mootiin isaanii isaan dura baʼa; Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”
MIC 3:1 Ergasii ani akkanan jedhe; “Isin hooggantoonni Yaaqoob, bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa. Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?
MIC 3:2 Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan, warri saba koo irraa gogaa, lafee isaanii irraa immoo foon baaftan,
MIC 3:3 warri foon saba koo nyaattan, kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan, isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?”
MIC 3:4 Ergasii isaan Waaqayyotti iyyatu; inni garuu deebii hin kennuuf. Yeroo sanatti inni sababii cubbuu isaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata.
MIC 3:5 Waaqayyo akkana jedha: “Waaʼee raajota saba koo karaa irraa jalʼisanii, yoo namni tokko nyaata kenneef isaan ‘Nagaa’ labsu; yoo inni akkas gochuu baate immoo lola isatti kaasuuf qophaaʼu.
MIC 3:6 Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan, utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa. Aduun raajotatti dhiiti; guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.
MIC 3:7 Ilaaltonni ni qaanaʼu; warri hooda dubbatanis ni salphifamu. Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneef isaan hundi fuula haguuggatu.”
MIC 3:8 Ani garuu Yaaqoobitti balleessaa isaa, Israaʼelittis cubbuu isaa himuuf humnaan guutameera; Hafuura Waaqayyootiin murtii qajeelaa fi jabinaan guutameera.
MIC 3:9 Isin hooggantoonni mana Yaaqoob bulchitoonni mana Israaʼel warri murtii qajeelaa tuffattanii waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa;
MIC 3:10 warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin, hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.
MIC 3:11 Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu; luboonni ishee gatiidhaan barsiisu; raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu. Taʼus isaan Waaqayyotti irkatanii, “Waaqayyo gidduu keenya jira mitii? Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu.
MIC 3:12 Kanaafuu sababii keessaniif, Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.
MIC 4:1 Bara dhumaa keessa tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni gaarran caalaa ol ol jedha; namoonnis itti yaaʼu.
MIC 4:2 Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa dhufa.
MIC 4:3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.
MIC 4:4 Namni hundi muka wayinii isaatii fi muka harbuu isaa jala taaʼa; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
MIC 4:5 Saboonni hundinuu maqaa waaqota isaaniitiin deddeebiʼu; nu immoo bara baraa hamma bara baraatti maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin deddeebina.
MIC 4:6 Waaqayyo akkana jedha; “Ani bara sana naafa walittin qaba; warra boojiʼamanii fi warra ani gaddisiises walittin qaba.
MIC 4:7 Ani warra naafa hambaa, warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha. Waaqayyo guyyaa sanaa jalqabee hamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa.
MIC 4:8 Yaa gamoo eegumsa bushaayee, yaa daʼoo Intala Xiyoon, ol aantummaan durii siif ni deebifama; mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa.”
MIC 4:9 Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa? Ati mootii hin qabduu? Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuuf gorsaan kee badeetii?
MIC 4:10 Yaa Intala Xiyoon, akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi; ati amma bakkee keessa qubachuuf magaalaa keessaa baʼuu qabdaatii. Ati Baabilon dhaqxa; achitti ni baraaramta. Waaqayyo achitti harka diina keetii keessaa si fura.
MIC 4:11 Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru. Isaanis, “Isheen haa xurooftu; iji keenya xiyyeeffatee Xiyoonin haa ilaalu!” jedhu.
MIC 4:12 Isaan garuu yaada Waaqayyoo hin beekan; isaan karoora isaa kan inni akkuma bissii oobdiitti walitti qabe sana hin hubatan.
MIC 4:13 “Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; ani kottee naasii siif nan kenna; atis saboota baayʼee caccabsita.” Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita; qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita.
MIC 5:1 Yaa magaalaa raayyaa waraanaa, raayyaa kee hiriirsi; nu marfamneerraatii. Isaan uleedhaan maddii bulchaa Israaʼel dhaʼu.
MIC 5:2 “Garuu yaa Beetlihem Efraataa, ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu, kan bulchaa Israaʼel taʼu, kan jiraachuun isaa durumaa, kan bara duriitii jalqabee ture tokko si keessaa baʼee naaf dhufa.”
MIC 5:3 Kanaafuu Israaʼel hamma isheen ciniinsifachaa jirtu deessee obboloonni isaa warri hafan Israaʼelootatti makamuuf deebiʼanitti kophaa hafti.
MIC 5:4 Inni jabina Waaqayyootiin surraa maqaa Waaqayyo, Waaqa isaatiin dhaabatee bushaayee isaa tikfata. Yeroo sanatti surraan isaa waan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu.
MIC 5:5 Inni nagaa keenya taʼa; yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii daʼannoo keenya keessa baʼanitti nu tiksoota torbaa fi ajajjuuwwan saddeet itti kakaasna.
MIC 5:6 Isaan biyya Asoor goraadeedhaan biyya Naamruudis goraadee luqqifameen bulchu. Yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii daarii keenya keessa baʼanitti, inni warra Asoor sana jalaa nu baasa.
MIC 5:7 Hambaan Yaaqoob namoota hedduu gidduutti akkuma fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu, akkuma tiifuu marga irraa kan nama hin eegnee yookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa.
MIC 5:8 Hambaan Yaaqoob saboota gidduutti, uummata hedduu gidduuttis, akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu, akkuma leenca saafela bushaayee gidduu jiru kan irra ejjetee isaan cicciruutii fi kan namni tokko iyyuu harkaa buusuu hin dandeenyee taʼa.
MIC 5:9 Harki kee moʼannaadhaan diinota keetti kaʼa; amajaajonni kee hundinuu ni barbadeeffamu.
MIC 5:10 Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas ani fardeen keessan gidduu keessanii nan balleessa; gaariiwwan keessan kan waraanaas nan barbadeessa.
MIC 5:11 Ani magaalaawwan biyya keessanii nan barbadeessa; daʼannoowwan keessan hundas nan diiga.
MIC 5:12 Ani falfaltoota keessan nan balleessa; isinis deebitanii hin mortan.
MIC 5:13 Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetii gidduu keetii nan balleessa; ati siʼachi gad jettee hojii harka keetiitiif hin sagaddu.
MIC 5:14 Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqisee magaalaawwan kees nan barbadeessa.
MIC 5:15 Ani saboota naaf hin ajajamin irratti aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”
MIC 6:1 Waan Waaqayyo jedhu dhaggeeffadhaa: “Ol kakkaʼaatii fuula tulluuwwanii duratti dubbii keessan dhiʼeeffadhaa; gaarranis waan isin jettan haa dhagaʼan.
MIC 6:2 “Yaa tulluuwwan himata Waaqayyoo dhagaʼaa; hundeewwan lafaa kanneen bara baraa isinis dhaggeeffadhaa. Waaqayyo saba isaa irraa dubbii qabaatii; inni Israaʼel wajjin falmii qaba.
MIC 6:3 “Yaa saba ko, ani maalan si godhe? Ani maaliinan si dadhabsiise? Mee deebii naaf kenni.
MIC 6:4 Ani biyya Gibxii sin baasee biyya garbummaa keessaa sin fure. Ani akka inni si qajeelchuuf Musee, akkasumas Aroonii fi Miiriyaamin siifan erge.
MIC 6:5 Yaa saba ko, mee gorsa Baalaaq mootiin Moʼaab gaafatee fi deebii Balaʼaam ilmi Beʼoor kenneef yaadadhu. Ati akka hojii qajeelummaa Waaqayyoo beektuuf karaa ati Shixiimii hamma Gilgaalitti deemte sana yaadadhu.”
MIC 6:6 Ani maaliinan fuula Waaqayyoo dura dhufee fuula Waaqa ol gubbaa jiruu duratti sagada? Ani aarsaa gubamuun, jabbii waggaa tokkootiin fuula isaa duratti dhiʼaadhuu?
MIC 6:7 Waaqayyo korbeeyyii hoolaa kuma hedduutti, zayitii laga kuma kudhaniitti ni gammadaa? Ani ilma koo hangafa, sababii yakka kootiitiif, sababii cubbuu lubbuu kootiitiifis dhala garaa koo aarsaa dhiʼeessuu?
MIC 6:8 Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
MIC 6:9 Isin dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akkana jedhee magaalattii waama: Maqaa kee sodaachuun ogummaa dha; “Ulee fi Isa ulee sana filate qalbeeffadhaa.
MIC 6:10 Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa?
MIC 6:11 Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa?
MIC 6:12 Sooreyyiin ishee jalʼoota; uummanni ishee sobdoota; arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata.
MIC 6:13 Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee, isin balleessuu jalqabeera.
MIC 6:14 Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu; garaan kee amma illee duwwaa dha. Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu; waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii.
MIC 6:15 Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu; ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu; ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu.
MIC 6:16 Ati sirna Omriitii fi hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta; gorsa isaaniis duukaa buuteerta. Kanaafuu ani si balleessee, uummata kee nan salphisa; isin tuffii sabootaa ni baattu.”
MIC 7:1 Anaaf wayyoo! Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera; hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru; iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.
MIC 7:2 Namni gaariin lafa irraa badeera; namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne. Namoonni hundinuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu; tokkoon tokkoon namaa kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.
MIC 7:3 Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera; bulchaan kennaa barbaada; abbaan murtiis mattaʼaa fudhata; namni humna qabu waanuma fedhe dubbata; hundi isaanii walii wajjin malatu.
MIC 7:4 Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti; inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala. Guyyaan eegdota keetii, guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera. Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.
MIC 7:5 Ollaa hin amanatin; michuus hin abdatin. Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu arraba kee eeggadhu.
MIC 7:6 Ilmi abbaa isaa tuffata; intalli haadha isheetti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati; diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.
MIC 7:7 Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha; fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha; Waaqni koo na dhagaʼa.
MIC 7:8 Yaa diina koo natti hin gammadin! Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa. Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu Waaqayyo ifa naaf taʼa.
MIC 7:9 Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef, hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha. Inni ifatti na baasa; anis qajeelummaa isaa nan arga.
MIC 7:10 Ergasii diinni koo isheen, “Waaqayyo Waaqni kee eessa jira?” naan jette sun waan kana argitee qaaniin haguugamti. Iji koo kufaatii ishee ni arga; Isheen amma iyyuu miilla jalatti akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.
MIC 7:11 Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu, guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.
MIC 7:12 Gaafas namoonni Asoorii fi magaalaawwan Gibxi, Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu, galaanaa hamma galaanaatti, tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.
MIC 7:13 Sababii jiraattota isheetii fi sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.
MIC 7:14 Uummata kee, bushaayee dhaala keetii kanneen ofumaan bosona keessa, lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan ulee keetiin tikfadhu. Isaan akkuma bara duriitti Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.
MIC 7:15 “Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa dinqii koo isaan nan argisiisa.”
MIC 7:16 Saboonni arganii ni qaanaʼu; humna ofii hunda iyyuu ni dhabu. Isaan afaan isaanii qabatu; gurri isaaniis ni duuda.
MIC 7:17 Isaan akkuma bofaa, akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu. Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu; Isaan Waaqayyo Waaqa keenya sodaachuudhaan deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.
MIC 7:18 Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu.
MIC 7:19 Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.
MIC 7:20 Ati akkuma bara durii abbootii keenyaaf kakatte sana Yaaqoobiif amanamaa taata; Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.
NAH 1:1 Raajii waaʼee Nanawwee dubbatame. Kitaaba mulʼata Naahoom Elqooshicha.
NAH 1:2 Waaqayyo Waaqa hinaafuu fi Waaqa haaloo baʼuu dha; Waaqayyo haaloo ni baʼa; dheekkamsaanis guutameera. Waaqayyo diinota isaa haaloo ni baʼa; dheekkamsa isaas amajaajota isaatiif ni kuusa.
NAH 1:3 Waaqayyo dheekkamuuf hin jarjaru; humni isaa immoo guddaa dha; Waaqayyo nama balleessaa qabu utuu hin adabin hin dhiisu. Bubbee hamaa fi dhaʼaa galaanaa keessaas karaa qaba; duumessi immoo awwaara miilla isaa ti.
NAH 1:4 Inni galaanatti dheekkamee gogsa; akka lagni hundinuu gogu godha. Baashaanii fi Qarmeloos ni coollagu; daraaraa Libaanoonis ni harcaʼa.
NAH 1:5 Fuula isaa duratti tulluuwwan ni kirkiru; gaarranis baqanii badu. Iddoo inni jirutti lafti ni hollatti; addunyaa fi wanni addunyaa irra jiraatu hundi ni hollatu.
NAH 1:6 Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa? Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa? Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa; fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu.
NAH 1:7 Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
NAH 1:8 Garuu inni lolaa jabaadhaan Nanawwee ni balleessa; amajaajota isaas ariʼee dukkanatti galcha.
NAH 1:9 Wanni isin Waaqayyootti yaaddan maali? inni guutumaan guutuutti ni balleessa; rakkoonis lammata hin dhufu.
NAH 1:10 Isaan qoraattii keessatti xaxamanii daadhii wayinii isaaniitiin machaaʼu; akkuma cidii gogeetti gubatanii dhumu.
NAH 1:11 Yaa Nanawwee, namni Waaqayyotti hammina malatee waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera.
NAH 1:12 Waaqayyo akkana jedha: “Isaan jabinaa fi baayʼina yoo qabaatan iyyuu isaan ni barbadeeffamu; ni badus. Yaa Yihuudaa, ani yoon duraan si miidhee jiraadhe iyyuu, siʼachi si hin miidhu.
NAH 1:13 Ani amma waanjoo isaanii gurmuu keessan irraa nan cabsa; hudhaa kees sirraa nan kuta.”
NAH 1:14 Yaa Nanawwee, Waaqayyo akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira: “Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu. Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqota tolfamoo baqfamanii tolfaman kanneen galmawwan waaqota keetii keessa jiran nan barbadeessa. Waan ati akka malee balfamaa taateef ani awwaala siif nan qopheessa.”
NAH 1:15 Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu, kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira! Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu; wareega kees baafadhu. Siʼachi hamaan si hin weeraru; inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
NAH 2:1 Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera. Daʼoo eeggadhu; karaa ilaalladhu. Mudhii kee hidhadhu; humna kee hunda walitti qabadhu!
NAH 2:2 Yoo balleessitoonni isaan onsanii mukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu, Waaqayyo akkuma ulfina Israaʼel deebise sana ulfina Yaaqoobis iddootti ni deebisa.
NAH 2:3 Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha; gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru. Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana, sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa; eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama.
NAH 2:4 Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu; oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu. Isaan guca bobaʼu fakkaatu; akkuma bakakkaas ni darbatamu.
NAH 2:5 Inni gootota isaa ni yaadata; isaan garuu karaatti gufatu. Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu; daʼoonis qopheeffameefii jira.
NAH 2:6 Balballi lageenii banamaa dha; masaraan mootummaas ni jiga.
NAH 2:7 Magaalattiin qullaatti hambaa akka boojiʼamtu murteeffameera. Xomboreewwan ishee qoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu.
NAH 2:8 Nanawween akkuma haroo ti; bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma. Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu; garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu.
NAH 2:9 Meetii saamaa! Warqee saamaa! Maddi ishee, badhaadhummaan kuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu!
NAH 2:10 Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti! Lapheen baqeera; jilbi laafeera; dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera.
NAH 2:11 Holqi leencotaa, iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran, iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan, saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa?
NAH 2:12 Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate; leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese; boolla isaa waan adamseen, holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate.
NAH 2:13 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Ani sitti kaʼeera; ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha; goraadeen leenca kee saafela ni fixa. Ani waan ati adamsattu tokko illee lafa irratti siif hin hambisu. Sagaleen ergamoota keetii lammata hin dhagaʼamu.”
NAH 3:1 Magaalattii dhiigaatiif, kan sobaan guutamteef, kan saamichaan guutamteef, kan warri hammina hojjetan keessaa hin dhabamne sanaaf wayyoo!
NAH 3:2 Iyyi qaccee, kakaksuun gommaa, gulufuun fardaa, didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!
NAH 3:3 Abbaan fardaa ni gulufa; goraadeen ni balaqqisa; eeboon ni calaqqisa! Balaan hedduun nama irra gaʼeera; namni baayʼeen duʼeera; reeffi lakkoobsa hin qabu; namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;
NAH 3:4 kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu, giiftii falfaltootaa, kan sagaagaltummaa isheetiin saboota, tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.
NAH 3:5 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani sitti kaʼeen jira. Ani uffata kee fuula keetti ol soqola. Ani sabootatti qullaa kee, mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.
NAH 3:6 Ani xuriidhaan sin faala; akka malee sin tuffadha; waan kolfaa illee sin godha.
NAH 3:7 Namni si argu hundi sirraa baqatee, ‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha. Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?”
NAH 3:8 Ati, Nooʼi Amoon biyya laga Abbayyaa irraa kan bishaaniin marfamte sana caaltaa? Lagni daʼoo ishee ti; bishaanis dallaa ishee ti.
NAH 3:9 Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha; Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.
NAH 3:10 Taʼus isheen boojiʼamtee biyya ormaatti geeffamte. Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irratti miciriqfamanii dhuman. Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufatanii namoonni ishee gurguddoonni hundinuu foncaadhaan hidhaman.
NAH 3:11 Atis ni machoofta; ni dhokattas; diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.
NAH 3:12 Daʼoon kee hundi mukkeen harbuu kanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata; yeroo mukkeen sun hurgufamanitti iji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.
NAH 3:13 Mee raayyaawwan kee ilaali; isaan hundinuu dubartoota! Karrawwan biyya keetii diinota keetiif balʼatanii banamanii jiru; ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.
NAH 3:14 Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu; humna hittisaa kee jajjabeeffadhu! Suphee tolfadhu; dhoqqee suphee dhiittadhu; xuubii tolfadhu.
NAH 3:15 Achitti ibiddi si fixa; goraadeenis si cicciree akkuma korophisaas si barbadeessa. Akka korophisaa hori; akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.
NAH 3:16 Ati hamma isaan urjii samii caalaa baayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta; isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisanii ergasii barrisanii deemu.
NAH 3:17 Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti; qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaa kan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti; yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu; namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.
NAH 3:18 Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu; namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru. Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabanii tulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.
NAH 3:19 Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu; miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha. Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuu kufaatii keetti harka walitti rurrukuta; gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaan eenyutu hin miidhamin?
HAB 1:1 Raajii Anbaaqoom raajichi arge.
HAB 1:2 Yaa Waaqayyo, ani hamma yoomiittin gargaarsaaf sitti iyyadha? Ati garuu na hin dhaggeeffattu; yookaan ani hamma yoomiitti, “Goolii!” jedhee sitti booʼee ati garuu na hin oolchitu?
HAB 1:3 Ati maaliif akka ani murtii dabe argu na goota? Ati maaliif balleessaa namaa obsita? Badiisnii fi gooliin fuula koo dura jiru; lollii fi waldhabiinsi baayʼateera.
HAB 1:4 Kanaafuu seerri laamshaʼeera; murtiin qajeelaan dabsameera. Akka murtiin qajeelaan jalʼifamuuf; namoonni hamoon qajeelota marsu.
HAB 1:5 “Saboota hubadhaa ilaalaa; akka malees dinqisiifadhaa. Ani bara keessan keessa waan isin yoo isinitti himame illee hin amanne tokko nan hojjedha.
HAB 1:6 Ani warra Baabilon, uummata gara jabeessaa fi ariifataa, kan iddoo jireenya isaa hin taʼin qabachuuf guutummaa lafaa keessa yaaʼu sana nan kaasa.
HAB 1:7 Isaan saba sodaatamuu fi naasisuu dha; isaan ofii isaaniitiifuu seera; ulfina isaaniis ni guddifatu.
HAB 1:8 Fardeen isaanii qeerransa caalaa saffisu; yeeyyii galgalaa caalaa sodaachisu. Namoonni isaanii kanneen farda yaabbatan ariitiidhaan gulufu; abbootiin farda isaaniis fagoodhaa dhufu. Isaan akkuma risaa waa nyaachuuf ariifatuu barrisu;
HAB 1:9 isaan hundinuu jeequmsaaf dhufu. Tuunni isaanii akkuma bubbee gammoojjii gara fuula duraatti qajeela; namoota hidhamanis akkuma cirrachaa walitti qaba.
HAB 1:10 Isaan mootota tuffatanii bulchitootatti qoosu. Daʼannoo hundatti ni kolfu; biyyoos tuulanii isa qabatu.
HAB 1:11 Ergasii namoonni yakka hojjetan kanneen humna isaanii waaqa isaanii godhatan, akka bubbee lafa haxaaʼanii karaa isaanii itti fufu.”
HAB 1:12 Yaa Waaqayyo, ati bara baraa jalqabdee jirta mitii? Yaa Waaqa ko, yaa Qulqullicha ko, ati gonkumaa hin duutu. Yaa Waaqayyo, ati akka isaan murtii kennaniif isaan muuddeerta; yaa Kattaa ko, ati akka isaan nama adabaniif isaan ramaddeerta.
HAB 1:13 Iji kee akka waan hamaa hin ilaalleef akka malee qulqulluu dha; ati daba argitee obsaan dhiisuu hin dandeessu. Yoos ati maaliif obsaan namoota hamoo ilaalta? Ati maaliif yeroo namoonni hamoon warra isaan caalaa qajeeloo taʼan liqimsanitti calʼistaa?
HAB 1:14 Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa, akka uumamawwan galaanaa kanneen bulchaa hin qabnee gooteerta.
HAB 1:15 Diinni hokkoodhaan isaan hunda ol baasa; kiyyoo isaatiinis isaan harkisa; kiyyoo isaa keessatti walitti isaan qabata; kanaafuu inni ni gammada; ni ililchas.
HAB 1:16 Inni sababii kiyyoo isaatiin bashannanee nyaata isaa filatamaatti gammaduuf kiyyoo isaatiif aarsaa dhiʼeessa; kiyyoo isaatiif illee ixaana aarsa.
HAB 1:17 Inni kiyyoo isaa keessaa garagalchuudhaan, gara laafina malee ittuma fufee saboota balleessuu qabaa?
HAB 2:1 Ani iddoo koo dhaabadhee dallaa eegumsaa irra nan tura; mee waan inni naan jedhu arguuf deebii ani guungummii kanaaf kennuu malu beekuuf nan ilaala.
HAB 2:2 Ergasii Waaqayyo akkana jedhee deebii kenne: “Akka namni dubbisu tokko qabatee fiiguuf, mulʼata sana ifa godhii gabatee irratti barreessi.
HAB 2:3 Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii; inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu. Yoo tures isa eegi; inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
HAB 2:4 “Kunoo inni of bokokseera; hawwiin isaas sirrii miti; namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;
HAB 2:5 dhugumaan inni daadhii wayiniitiin ni gowwoomfama; of tuula; boqonnaas hin qabu. Inni akkuma siiʼool sassata; akka duʼaas kan hin quufnee dha. Inni saboota hunda walitti qabata; uummata hundas boojiʼee fudhata.
HAB 2:6 “Isaan hundi isa tuffatanii itti kolfaa, “ ‘Nama miʼa hatame tuullatee saamichaan of sooromsuuf wayyoo! Wanni kun hamma yoomiitti itti fufa’ jedhanii itti hin qoosanii?
HAB 2:7 Warri liqii sirraa qaban akkuma tasaa sitti hin kaʼanii? Isaan kaʼanii si hin hollachiisanii? Ergasii ati harka isaanii jala galta.
HAB 2:8 Sababii ati saba hedduu saamteef namoonni hafan si saamu. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
HAB 2:9 “Nama buʼaa hin malleen mana ijaarratu kan badiisa jalaa baʼuuf jedhee lafa ol kaʼaa irratti iddoo jireenyaa tolfatuuf wayyoo!
HAB 2:10 Ati lubbuu nama baayʼee galaafachuudhaaf, waan nama qaanessu mana keetti malattee lubbuu keetti badiisa fidde.
HAB 2:11 Dhagaawwan keenyan keessaa iyyu; demdemoon mukaas jalaa qaba.
HAB 2:12 “Nama dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf, kan yakkaan magaalaa hundeessuuf wayyoo!
HAB 2:13 Akka dadhabbiin namaa akkuma qoraan ibiddaa taʼe, akka saboonnis akkasumaan of dadhabsiisan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu murteesseera mitii?
HAB 2:14 Akkuma bishaan galaana guutu sana lafti ulfina Waaqayyoon beekuutiin guutamtiitii.
HAB 2:15 “Nama qullaa dhagna ollaa isaa ilaaluuf jedhee hamma inni machaaʼutti qalqalloo keessaa daadhii wayinii isaaf buusuuf wayyoo.
HAB 2:16 Ati qooda ulfinaa qaaniidhaan guutamta. Amma dabareen kan kee ti! Akka qullaan kee mulʼatuuf dhugi. Xoofoon mirga Waaqayyoo sitti garagala; salphinnis ulfina kee haguuga.
HAB 2:17 Fincilli ati Libaanoonitti hojjete si liqimsa; horii fixuun kee si rifachiisa. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
HAB 2:18 “Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba? Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii; inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha.
HAB 2:19 Nama mukaan, ‘Dammaqi!’ yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo. Inni barsiisuu ni dandaʼaa? Kunoo inni warqee fi meetii dibameera; hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru.”
HAB 2:20 Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu.
HAB 3:1 Kadhannaa Anbaaqoom raajichaa shigiyonootiidhaan.
HAB 3:2 Yaa Waaqayyo, ani oduu kee dhagaʼeera; yaa Waaqayyo, ani gochawwan kee nan sodaadha. Bara keenya keessa isaan haaromsi; jabana keenya keessa isaan beekkamsiisi; yeroo dheekamtutti araara yaadadhu.
HAB 3:3 Waaqni Teemaan irraa, Inni Qulqullichi Tulluu Phaaraaniitii dhufe. Ulfinni isaa samiiwwan haguuge; galanni isaas lafa guute.
HAB 3:4 Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti; gaanfawwan lama harka isaatii baʼu; humni isaas achi dhokateera.
HAB 3:5 Fuula isaa dura dhaʼichatu deeme; golfaanis isa duukaa buʼe.
HAB 3:6 Inni dhaabatee lafa raase; ilaalee akka saboonni hollatan godhe. Tulluuwwan durii ni burkutaaʼan; gaarran bara hedduu jiraatanis ni diigaman. Karaan isaa kan bara baraa ti.
HAB 3:7 Ani utuu dunkaanonni Itoophiyaa dhiphatanuu nan arge; golgaawwan Midiyaaniis ni hollatu.
HAB 3:8 Yaa Waaqayyo, ati lageenitti aartee turtee? Burqaawwanittis dheekkamtee? Ati yeroo fardeen keetiin guluftetti, yeroo gaariiwwan moʼannaa kee yaabbatetti galaanatti dheekkamtee turtee?
HAB 3:9 Ati iddaa kee luqqifattee xiyya itti dhaabbatte. Lafas lageeniin gargar baqaqsite;
HAB 3:10 tulluuwwan si arganii hollattan. Dhaʼaawwan bishaanii achiin darban; tuujubni ni huurse; dambalii isaas ol kaase.
HAB 3:11 Sababii xiyya kee calaqqisaa fiigu sanaatii fi sababii ifa eeboo keetii sanaatiif aduu fi jiʼi samii keessa dhaabatanii hafan.
HAB 3:12 Ati dheekkamsaan lafa irra marmaarte; aariidhaanis saboota lafatti dhidhiitte.
HAB 3:13 Ati saba kee furuuf, dibamaa kee oolchuuf dhufte. Hoogganaa biyya hamootaa ni daakte; mataadhaa hamma miillaatti qullaa isa hambifte.
HAB 3:14 Yeroo loltoonni isaa nu bittinneessuuf kaʼanii, akkuma waan rakkattoota dhokatanii jiran fixuu gaʼaniitti gammadanitti, ati eeboo ofii isaatiin mataa isaa waraante.
HAB 3:15 Ati fardeen keetiin bishaanota gurguddaa hoomacheessaa galaana irra deemte.
HAB 3:16 Ani dhagaʼeen garaan koo raafame; hidhiin koo sagalee sanaan hollate; tortorri lafee koo seene; miilli koos ni hollate. Taʼus ani hamma guyyaan badiisaa saboota nu weeraranitti dhufutti obsaan nan eeggadha.
HAB 3:17 Yoo mukni harbuu daraaruu baatee iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu, yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu, yoo hoolonni gola keessaa, loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,
HAB 3:18 ani garuu Waaqayyotti nan gammada; Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.
HAB 3:19 Waaqayyo Gooftaan jabina koo ti; inni miilla koo akka miilla borofaa godha; lafa ol kaʼaa irras na deemsisa. Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame.
ZEP 1:1 Dubbiin Waaqayyoo kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha:
ZEP 1:2 “Ani fuula lafaa irraa waan hunda haxaaʼee nan balleessa” jedha Waaqayyo.
ZEP 1:3 “Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa; simbirroota samiitii fi qurxummii galaanaa, waaqota tolfamoo namoota hamoo gufachiisan haxaaʼee nan balleessa.” “Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
ZEP 1:4 “Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha. Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqota tolfamoo waaqeffatanii iddoo kanaa nan balleessa;
ZEP 1:5 warra raayyaa samii waaqeffachuuf qinaaxxii manaa irratti sagadan, warra sagadanii fi Waaqayyoon kakatan, warra Moolekiinis kakatan,
ZEP 1:6 warra Waaqayyoon duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan, warra Waaqayyoon hin barbaanne yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa.”
ZEP 1:7 Guyyaan Waaqayyoo waan dhiʼaateef fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti calʼisaa. Waaqayyo aarsaa tokko qopheesseera; inni warra affeere qulqulleesseera.
ZEP 1:8 “Guyyaa aarsaa Waaqayyootti ani qondaaltota ilmaan mootichaatii fi warra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba.
ZEP 1:9 Ani gaafas warra buusaa irra utaalan, kanneen galma waaqota isaanii jeequmsaa fi gowwoomsaadhaan guutan nan adaba.”
ZEP 1:10 Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya, Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa, gaarran irraa immoo sagalee diigama guddaatu dhagaʼama.
ZEP 1:11 Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa; daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu; warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu.
ZEP 1:12 Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa; warra qananiidhaan jiraatan, kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan, kanneen, ‘Waaqayyo waan tolaas taʼu waan hamaa homaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba.
ZEP 1:13 Qabeenyi isaanii ni saamama; manni isaanii ni ona. Isaan mana ijaarratu; garuu keessa hin jiraatan; isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu; garuu daadhii wayinii hin dhugan.”
ZEP 1:14 Guyyaan Waaqayyoo guddichi dhiʼaateera; dhiʼaatees dafee dhufaara. Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Waaqayyoo hadhaaʼaa dha; goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.
ZEP 1:15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa, guyyaa dhiphinaa fi gaddaa, guyyaa rakkinaa fi badiisaa, guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa, guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;
ZEP 1:16 magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi gamoowwan ol dhedheeroo irratti guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.
ZEP 1:17 “Sababii isaan Waaqayyootti cubbuu hojjetaniif, ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif uummatatti dhiphina nan fida. Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa, miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.
ZEP 1:18 Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.” Ibidda hinaaffaa isaatiin addunyaan hundi ni barbadoofti; warra lafa irra jiraatan hundatti inni badiisa tasaa ni fidaatii.
ZEP 2:1 Yaa saba qaanii hin qabne, walitti qabamaa; walitti qabamaa;
ZEP 2:2 utuu yeroon murtaaʼe sun gaʼee guyyaan sun akkuma habaqiitti isin hin haxaaʼin, utuu aariin Waaqayyoo bobaʼaan sun isinitti hin dhufin, utuu guyyaan dheekkamsa Waaqayyoo isinitti hin dhufin walitti qabamaa.
ZEP 2:3 Isin garraamonni lafaa kanneen waan inni ajaju hojjettan hundi Waaqayyoon barbaaddadhaa. Qajeelummaa barbaadaa; gad of qabiisa barbaadaa; isin guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti ni golbomamtu taʼaatii.
ZEP 2:4 Gaazaan duwwaa hafti; Ashqaloon immoo ni onti. Sabni Ashdood guyyuma Saafaadhaan ariʼamee baʼa; Eqroon immoo ni buqqifamti.
ZEP 2:5 Yaa Kereetota qarqara galaanaa jiraattan, isiniif wayyoo; yaa Kanaʼaan, biyya Filisxeemotaa, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee sitti dhufeera; “Ani sin barbadeessa; namni tokko iyyuu hin hafu.”
ZEP 2:6 Biyyi qarqara galaanaa, iddoon Kaliitonni jiraatan, iddoo tiksoonni jiraatanii fi gola bushaayee taʼa.
ZEP 2:7 Innis handhuuraa hambaa mana Yihuudaa taʼa; isaan achitti lafa dheedaa argatu. Isaan galgala galgala mana Ashqaloon keessa ciciisu. Waaqayyo Waaqni isaanii isaan tiksa; boojuu isaaniis ni deebisaaf.
ZEP 2:8 “Ani arrabsoo Moʼaabii fi Qoosaa Amoonotaa, warra saba koo arrabsanii fi biyya isaanii doorsisan sanaa dhagaʼeera.
ZEP 2:9 Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe sana” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel; “Moʼaab dhugumaan akkuma Sodoom, Amoononnis akka Gomoraa, iddoo aramaatii fi boolla soogiddaa, lafa bara baraan one ni taʼu. Hambaan uummata kootii isaan saamu; warri saba koo keessaa badii jalaa baʼan biyya isaanii ni dhaalu.”
ZEP 2:10 Kun gatii isaan of tuulummaa isaaniitiif argatanii dha; isaan saba Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu arrabsanii itti qoosaniiruutii.
ZEP 2:11 Waaqayyo yeroo waaqota biyyattii hunda barbadeessutti, akka malee isaan sodaachisa. Saboonni qarqara galaana hundaa irra jiraatan, namni biyya isaa keessa jiraatu hundinuus isa waaqeffata.
ZEP 2:12 “Yaa warra Itoophiyaa isinis goraadee kootiin ni gorraʼamtu.”
ZEP 2:13 Inni kaabatti harka ol fudhata; Asoorinis ni barbadeessa; Nanawwee guutumaan guutuutti ni onsa; akkuma gammoojjiitti gogsee hambisa.
ZEP 2:14 Bushaayee fi loon, uumamawwan gosa hundaa achi ciciisu. Urunguu fi dhaddeen utubaa ishee irra boqotu. Sagaleen isaanii foddaawwan keessaan dhagaʼama; diigamni balbala isaanii dura jira; demdemoon birbirsaa hundinuu qullaa hafa.
ZEP 2:15 Kun magaalaa of hin eegganne kan garuu nagumaan jiraattuu dha. Magaalaan kun, “Anuma qofa malee kan biraa na bira hin jiru” ofiin jette. Isheen akkam akkas ontee, iddoo bineensi bosonaa jiraatu taate! Namni ishee bira baʼee darbu hundinuu ni qoosa; harka isaas ni raasa.
ZEP 3:1 Magaalaa cunqursitootaa, finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo!
ZEP 3:2 Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu; sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu. Isheen Waaqayyoon hin amanattu; Waaqa isheettis hin dhiʼaattu.
ZEP 3:3 Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha; bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaa kanneen waan tokko illee ganamaaf hin bulfannee dha.
ZEP 3:4 Raajonni ishee of tuultota; isaan namoota hin amanamnee dha. Luboonni ishee iddoo qulqulluu xureessanii seeras cabsu.
ZEP 3:5 Waaqayyo inni ishee keessa jiru qajeelaa dha; inni dogoggora tokko illee hin hojjetu. Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna; guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu; jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.
ZEP 3:6 “Ani saboota nan balleessa; daʼannoowwan isaanii diigamaniiru. Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreef ani daandiiwwan ishee onseera. Magaalaawwan isaanii onanii nama malee, duwwaa hafu.
ZEP 3:7 Ani magaalaa sanaan, ‘Ati dhugumaan na sodaatta; sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe. Ergasii iddoon jireenya ishee hin badu yookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu. Isaan garuu waan hojjetan hunda keessatti daba hojjechuutti ciman.
ZEP 3:8 Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu” jedha Waaqayyo; “Ani sabootaa fi mootummoota walitti qabee dheekkamsa kootii fi aarii koo sodaachisaa sana hunda isaanitti dhangalaasuuf murteesseera. Addunyaan guutuun ibidda hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti.
ZEP 3:9 “Ergasii ani akka hundi isaanii maqaa Waaqayyoo waammataniif, akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis afaan namootaa nan qulqulleessa.
ZEP 3:10 Warri anaaf sagadan, intallan koo kanneen bittinnaaʼan lageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu.
ZEP 3:11 Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadan magaalaa kana keessaa baasuuf, gaafas yakka ati natti hojjette sana hundaaf salphinni sitti hin dhufu. Ati lammata gaara koo qulqulluu irratti of hin tuultu.
ZEP 3:12 Ani garuu garraamotaa fi gad of qabeeyyii kanneen maqaa Waaqayyoo amanatan si keessatti nan hambisa.
ZEP 3:13 Hambaan Israaʼel yakka tokko illee hin hojjetan. Isaan soba hin dubbatan yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu. Isaan nyaatanii boqotu; kan isaan sodaachisus hin jiru.”
ZEP 3:14 Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu; yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi! Yaa Intala Yerusaalem gammadiitii garaa kee guutuudhaan ililchi!
ZEP 3:15 Waaqayyo adaba kee sirraa fuudheera; inni diinota kee sirraa deebiseera. Waaqayyo Mootiin Israaʼel, si wajjin jira; ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu.
ZEP 3:16 Isaan gaafas Yerusaalemiin akkana ni jedhu; “Yaa Xiyoon hin sodaatin; harki kees hin laafin.
ZEP 3:17 Waaqayyo Waaqni kee inni si wajjin jiru jabaa dha. Inni baayʼee sitti gammada; inni jaalala isaatiin si boqochiisa; faarfannaadhaanis sitti gammada.”
ZEP 3:18 “Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditu sirraa nan fuudha; isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu.
ZEP 3:19 Ani yeroo sanatti warra si cunqursan hunda nan adaba; ani okkolaa nan baraara; warra gatamanis walitti nan qaba. Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessatti maqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf.
ZEP 3:20 Ani yeroo sanatti walittin isin qaba; yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha. Ani yeroo utuma isin argitanuu boojuu keessan deebisutti saba lafaa hunda gidduutti ulfinaa fi maqaa isiniifin kenna” jedha Waaqayyo.
HAG 1:1 Bara bulchiinsa Daariyoos Mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jaʼaffaatti, dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin gara ilma Sheʼaltiiʼeel gara Zarubaabel bulchaa Yihuudaatii fi gara Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa akkana jedhee dhufe:
HAG 1:2 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun, ‘Yeroon itti manni Waaqayyoo ijaaramu amma illee hin geenye’ jedha.”
HAG 1:3 Ergasii dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee Raajichaatiin akkana jedhee dhufe:
HAG 1:4 “Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?”
HAG 1:5 Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa.
HAG 1:6 Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.”
HAG 1:7 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Karaa keessan hubadhaa.
HAG 1:8 Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas” jedha Waaqayyo.
HAG 1:9 “Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif.
HAG 1:10 Kanaafuu sababii keessaniif samiiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte.
HAG 1:11 Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera.”
HAG 1:12 Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Iyyaasuun ilmi Yehoozaadaaq lubichi ol aanaanii fi hambaawwan uummataa hundi sagalee Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi ergaa Haagee raajichaatiif ajajaman; Waaqayyo Waaqni isaanii isa ergeeraatii. Uummannis Waaqayyoon sodaate.
HAG 1:13 Ergasii Haageen ergamaan Waaqayyoo sun akkana jedhee ergaa Waaqayyoo kana sabatti hime: “Ani isin wajjinan jira” jedha Waaqayyo.
HAG 1:14 Akkasiin Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaa, hafuura Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaatii fi hafuura hambaa uummata hundaa kakaase. Isaanis dhufanii mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu, mana Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban;
HAG 1:15 kunis bara Daariyoos mootichaa keessaa waggaa lammaffaatti, bultii digdamii afuraffaa jiʼa jaʼaffaatti taʼe.
HAG 2:1 Jiʼa torbaffaa keessaa, bultii digdamii tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee karaa Haagee raajichaatiin dhufe;
HAG 2:2 “Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel bulchaa Yihuudaatti, Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaattii fi hambaa uummataatti dubbadhu. Akkanas jedhii isaan gaafadhu;
HAG 2:3 ‘Isin keessaa namni mana kana ulfina isaa kan duraa sana argee amma iyyuu jiru eenyu? Inni amma maal isinitti fakkaata? Waanuma faayidaa hin qabne tokko isinitti hin fakkaatuu?
HAG 2:4 Yaa Zarubaabel, egaa amma jabaadhu’ jedha Waaqayyo. ‘Yaa Iyyaasuu ilma Yehoozaadaaq lubicha ol aanaa atis jabaadhu. Isinis sabni biyya kanaa hundinuu jabaadhaatii hojjedhaa’ jedha Waaqayyo. ‘Ani isin wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
HAG 2:5 ‘Yeroo isin biyya Gibxii baatan sanatti, kakuun ani isin wajjin galee kanaa dha. Hafuurri koo isin gidduu jira. Isin hin sodaatinaa.’
HAG 2:6 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani ammas yeroo gabaabaa keessatti deebiʼee samiiwwanii fi lafa, galaanaa fi lafa goggogaa nan raasa.
HAG 2:7 Ani saboota hunda nan raasa; qabeenyi sabootaa hundi ni dhufa; anis mana kana ulfinaan nan guuta’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
HAG 2:8 ‘Meetiin kan koo ti; warqeenis kan koo ti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
HAG 2:9 ‘Ulfinni mana ammaa kun ulfina mana duraa sanaa ni caala’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. ‘Anis iddoo kanatti nagaa nan kenna’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”
HAG 2:10 Waggaa lammaffaa bulchiinsa Daariyoos keessa, bultii digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaatti, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Haagee raajichaa dhufe;
HAG 2:11 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Waan seerri jedhu luboota gaafadhu;
HAG 2:12 yoo namni tokko foon qulqulleeffamee Waaqaaf kenname fuudhee dachaa wayyaa isaa keessatti baatee wayyaan sun buddeena yookaan ittoo, daadhii wayinii, zayitii yookaan nyaata gosa biraa tuqe, nyaanni sun ni qulqulleeffamaa?’ ” Luboonnis, “Waawuu” jedhanii deebisaniif.
HAG 2:13 Ergasii Haageen akkana jedhe; “Namni reeffa tuqee xuraaʼe tokko yoo wantoota kanneen keessaa tokko tuqe wanni sun ni xuraaʼaa?” Luboonni sunis, “Eeyyee, wanni sun ni xuraaʼa” jedhanii deebisaniif.
HAG 2:14 Haageen akkana jedhe; “ ‘Uummanni kunii fi sabni kun fuula koo duratti akkasuma’ jedha Waaqayyo. ‘Wanni isaan hojjetan hundii fi wanni isaan achitti dhiʼeessan hundi xuraaʼaa dha.
HAG 2:15 “ ‘Egaa guyyaa kanaa jalqabaatii of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa; mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti haala utuu dhagaan tokko dhagaa kaan irra hin kaaʼamin dura ture hubadhaa.
HAG 2:16 Namni kam iyyuu yeroo gara tuullaa safartuu digdamaa dhufetti safartuu kudhan qofa argate. Namni kam iyyuu yeroo daadhii wayinii safartuu shantama waraabbachuuf gara boolla itti wayinii cuunfanii dhaqetti safartuu digdama qofa argate.
HAG 2:17 Ani hojii harka keessanii hunda waagiidhaan, awwaaroo fi cabbiidhaan nan rukute; isin garuu gara kootti hin deebine’ jedha Waaqayyo.
HAG 2:18 Guyyaa kanaa jalqabaatii jechuunis guyyaa digdamii afuraffaa jiʼa saglaffaa kanaa jalqabaatii hamma guyyaa hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufameetti of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa.
HAG 2:19 Amma iyyuu sanyiin gombisaa keessatti hafe tokko iyyuu jiraa? Hamma ammaatti mukni wayiniitii fi mukni harbuu, roomaanii fi mukni ejersaa ija hin naqanne. “ ‘Ani guyyaa kanaa jalqabee isin nan eebbisa.’ ”
HAG 2:20 Dubbiin Waaqayyoo bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti yeroo lammaffaa akkana jedhee gara Haagee dhufe;
HAG 2:21 “Akka ani samiiwwanii fi lafa raasuuf jiru Zarubaabel bulchaa Yihuudaatti himi.
HAG 2:22 Ani teessoo moototaa nan garagalcha; humna mootummoota biyya alaas nan barbadeessa. Ani gaariiwwanii fi ooftota isaanii nan garagalcha; fardeenii fi warra fardeen yaabbatan ni kufu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee obboleessa isaaniitiin ni kufu.
HAG 2:23 “ ‘Guyyaa sana’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Yaa tajaajilaa koo Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeel, ani sin fudhadha’ jedha Waaqayyo; ‘Ani waanan si filadheef akka qubeelaa chaappaa koo sin godhadha’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”
ZEC 1:1 Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Zakkaariyaas raajicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe:
ZEC 1:2 “Waaqayyo akka malee abbootii keessanitti aaree ture.
ZEC 1:3 Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
ZEC 1:4 Isin akka abbootii keessan kanneen raajonni durii, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaa’ jedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha Waaqayyo.
ZEC 1:5 Abbootiin keessan amma eessa jiru? Raajonnis bara baraan jiraatuu?
ZEC 1:6 Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo raajota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee? “Ergasii isaan qalbii jijjiirratanii, ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkuma gochuuf murteesse sanatti waan karaa keenyaa fi gochawwan keenyaaf malu nutti godhe’ jedhan.”
ZEC 1:7 Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin Waaqayyoo gara Zakkaariyaas raajichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe.
ZEC 1:8 Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture.
ZEC 1:9 Anis, “Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!” jedheen gaafadhe. Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa tures, “Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa” naan jedhe.
ZEC 1:10 Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, “Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif Waaqayyo ergee dha” jedhee naa ibse.
ZEC 1:11 Isaanis, “Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine” jedhanii ergamaa Waaqayyoo kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan.
ZEC 1:12 Ergamaan Waaqayyoos, “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?” jedhe.
ZEC 1:13 Waaqayyos dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun ergamaa Waaqayyoo kan na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate.
ZEC 1:14 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; “Dubbii kana labsi: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa;
ZEC 1:15 ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.’
ZEC 1:16 “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfama’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
ZEC 1:17 “Ammas ittuma fufiitii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Waaqayyos Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’ ”
ZEC 1:18 Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture!
ZEC 1:19 Anis, “Kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe. Innis, “Kunneen gaanfawwan Yihuudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemin gargar bittinneessanii dha” jedhee naaf deebise.
ZEC 1:20 Waaqayyos ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise.
ZEC 1:21 Anis, “Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?” jedheen gaafadhe. Innis akkana jedhee deebise; “Isaan kunneen gaanfawwan akka namni tokko mataa isaa ol hin qabanneef Yihuudaa bittinneessanii dha; ogeeyyiin hojii harkaa kunneen garuu isaan rifachiisuu fi gaanfawwan saboota uummata ishee bittinneessuuf gaanfawwan isaanii biyya Yihuudaatti ol fudhatan kanneenii balleessuuf dhufan.”
ZEC 2:1 Ani ol nan milʼadhe; kunoo, namichi funyoo safaraa harkatti qabate tokko fuula koo dura ture!
ZEC 2:2 Anis, “Ati garam deemuutti jirta?” jedheen gaafadhe. Innis, “Ani Yerusaalemin safaree balʼinaa fi dheerina ishee beekuufan deema” jedhee naaf deebise.
ZEC 2:3 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun kaʼee deeme; ergamaan Waaqayyoo kan biraa isa arguu dhufee
ZEC 2:4 akkana jedheen: “Dhaqiitii dargaggeessa sanatti akkana jedhii himi; ‘Yerusaalem sababii baayʼina namaa fi horii ishee keessa jiraataniitiif magaalaa dallaa hin qabne taati.
ZEC 2:5 Ani mataan koo naannoo isheetti dallaa ibiddaa nan taʼa; ishee keessattis ulfina nan taʼa’ jedha Waaqayyo.
ZEC 2:6 “Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa sana keessaa baqadhaa” jedha Waaqayyo; “Ani bubbee samii afranitti isin bittinneesseeraatii” jedha Waaqayyo.
ZEC 2:7 “Yaa Xiyoon kottu! Ati kan intala Baabilon keessa jiraattu baqadhu!”
ZEC 2:8 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii: “Namni si tuqu kam iyyuu argituu ija isaa waan tuquuf, erga Inni Ulfina Qabeessi saboota si saaman sanatti na ergee booddee,
ZEC 2:9 akka garboonni isaanii isaan saamaniif ani dhugumaan harka koo isaanitti ol nan kaafadha. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu na erge ni beektu.
ZEC 2:10 “Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii” jedha Waaqayyo.
ZEC 2:11 “Bara sana saboonni hedduun gara Waaqayyootti deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta.
ZEC 2:12 Waaqayyo akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata.
ZEC 2:13 Sababii inni iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa ol kaʼeef, sanyiin namaa hundi fuula Waaqayyoo duratti calʼisaa.”
ZEC 3:1 Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa Waaqayyoo dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise.
ZEC 3:2 Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; “Seexana nana, Waaqayyo si haa ifatu! Waaqayyo inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?”
ZEC 3:3 Iyyaasuun yeroo ergamaa Waaqayyoo sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture.
ZEC 3:4 Ergamaan Waaqayyoo sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, “Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa” jedhe. Innis ergasii Iyyaasuudhaan, “Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa” jedhe.
ZEC 3:5 Anis, “Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii” nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma ergamaan Waaqayyoo sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan.
ZEC 3:6 Ergamaan Waaqayyoo sunis ajaja kana Iyyaasuuf kenne:
ZEC 3:7 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna.
ZEC 3:8 “ ‘Yaa Iyyaasuu lubicha ol aanaa, atii fi gareen kee warri fuula kee dura tataaʼan, namoonni waan dhufuuf jiruuf mallattoo taʼan waan kana dhaggeeffadhaa. Ani tajaajilaa koo Damee sana nan fida.
ZEC 3:9 Dhagaa ani fuula Iyyaasuu dura kaaʼe ilaalaa! Dhagaa tokkicha sana irra ija torbatu jira; anis barreeffama isa irratti nan qiriixa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘cubbuu biyya kanaas guyyuma tokkotti nan balleessa.
ZEC 3:10 “ ‘Bara sana tokkoon tokkoon namaa muka wayiniitii fi muka harbuu isaa jala taaʼuuf ollaa isaa ni waammata’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”
ZEC 4:1 Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun deebiʼee akkuma nama hirribaa dammaqfamuutti na dammaqse.
ZEC 4:2 Innis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate. Anis akkana jedheen deebise; “Ani baattuu ibsaa kan guutumaan guututti warqee taʼe cuggeen tokkos isa irra dhaabamee, ibsaawwan torba of irraa qabu kan ibsaawwan sanaaf ujummoowwan torba qabu tokko nan arga.
ZEC 4:3 Akkasumas mukkeen ejersaa lama, tokko karaa mirga cuggeetiin, kaan immoo karaa bitaa cuggeetiin jira.”
ZEC 4:4 Anis, “Yaa gooftaa wanni kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
ZEC 4:5 Inni immoo, “Ati isaan maal akka taʼan hin beektuu?” jedhee naaf deebise. Anis, “Yaa gooftaa ko, ani hin beeku” jedheen deebise.
ZEC 4:6 Kanaafuu inni akkana naan jedhe; “Kun dubbii Waaqayyoo kan Zarubaabeliif kennamee dha: ‘Hafuura kootiin malee jabinaan yookaan humnaan miti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
ZEC 4:7 “Yaa tulluu guddaa ati maali? Ati fuula Zarubaabel duratti lafa diriiraa taata. Innis, ‘Surraan, surraan isaaf haa taʼu!’ jedhanii iyyaa inni dhagaa xumuraa baasa.”
ZEC 4:8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
ZEC 4:9 “Harki Zarubaabel hundee mana qulqullummaa kanaa buuseera; harkuma isaatu ijaaree fixa. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu.
ZEC 4:10 “Eenyutu guyyicha waan xinnoo tuffata? Namoonni gaafa harka Zarubaabel keessatti tunbii arganitti ni ililchu. Wantoonni torban kunneen ijawwan Waaqayyoo kanneen lafa hunda irra nanaannaʼanii ilaalanii dha.”
ZEC 4:11 Anis, “Mukkeen ejersaa lamaan karaa mirgaa fi bitaa baattuu ibsaa jiran kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo sana gaafadhe.
ZEC 4:12 Ammas ani, “Dameen muka ejersaa lamaan ujummoo warqee lamaan biraa kanneen zayitii warqee gad dhangalaasan kunneen maali!” jedheen isa gaafadhe.
ZEC 4:13 Innis, “Isaan maal akka taʼan ati hin beektuu?” naan jedhe. Anis, “Yaa gooftaa ko, ani hin beeku” nan jedheen.
ZEC 4:14 Kanaafuu inni, “Isaan kunneen warra lamaan akka Gooftaa lafa hundaa tajaajilaniif dibamanii dha” jedhe.
ZEC 5:1 Ani ammas ol milʼadhe; kunoo kitaabni maramaan barrisu tokko fuula koo dura ture!
ZEC 5:2 Ergamaan Waaqayyoo sunis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate. Anis, “Kunoo ani kitaaba maramaa dhundhuma digdama dheeratee dhundhuma kudhan balʼatu tokko nan arga” jedheen deebise.
ZEC 5:3 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Kun abaarsa lafa hundumatti dhufaa jiruu dha; akka kitaabicha irratti barreeffametti, hattuun hundinuu ni barbadoofti; akkuma barreeffamni gama kaan irraa jedhutti namni sobaan kakatu hundinuu ni barbadeeffama.
ZEC 5:4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani abaarsa kana gad nan erga; innis mana hattuutii fi mana nama sobaan maqaa kootiin kakatuu ni seena. Abaarsi kun mana isaa keessatti hafee, mana isaa, muka isaatii fi dhagaa isaa ni barbadeessa.’ ”
ZEC 5:5 Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun dhufee, “Mee ol jedhii waan dhufaa jiru sana ilaali” naan jedhe.
ZEC 5:6 Anis, “Inni maali?” jedheen gaafadhe. Innis, “Kun quunnaa ittiin waa safaranii dha” jedhee deebise. Ammas itti dabalee, “Kun hammina saba guutummaa lafaa irra jiraatuu ti” jedhe.
ZEC 5:7 Ergasii qadaadni dilaalii irraa hojjetame irraa ol fuudhame; kunoo dubartiin tokko quunnaa sana keessa teessee turte!
ZEC 5:8 Innis, “Kun hammina” jedhe; ergasii quunnaa keessatti gad ishee dhiibee qadaada dilaalii irraa hojjetame sana afaan quunnaatti deebise.
ZEC 5:9 Ergasii ani ol nan milʼadhe; kunoo dubartoonni qoochoo isaanii jalaa bubbee qaban lama fuula koo dura turan! Isaanis qoochoo akka qoochoo huummoo qabu ture; quunnaa sanas samii fi lafa gidduutti ol fuudhan.
ZEC 5:10 Anis, “Isaan quunnaa sana eessatti geessu?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
ZEC 5:11 Innis, “Mana ijaaruuf jedhanii gara biyya Baabilonitti geessu. Yeroo manni sun ijaaramee qopheeffamutti quunnaa sana fuudhanii iddoo isaa kaaʼu.”
ZEC 6:1 Ani ammas ol nan milʼadhe; kunoo gaariiwwan afur kanneen gaarran lama jechuunis tulluuwwan naasii gidduu gad baʼan nan arge!
ZEC 6:2 Gaariin jalqabaa fardeen didiimoo, lammaffaan gugurraa,
ZEC 6:3 sadaffaan adaadii, afuraffaan immoo farda daamaa qaba ture; isaan hundinuu jajjaboo turan.
ZEC 6:4 Anis, “Yaa gooftaa ko, isaan kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
ZEC 6:5 Ergamaan Waaqayyoo sunis akkana jedhee naaf deebise; “Isaan kunneen hafuurota samii afran fuula Gooftaa lafa hundaa dura iddoo dhaabachaa turanii gad baʼanii dha.
ZEC 6:6 Kan fardeen gugurraa qabu gara biyya kaabaa deema; kan fardeen adaadii qabu gara biyya lixa biiftuu deema; kan fardeen daamaa qabu immoo gara biyya kibbaa deemaa.”
ZEC 6:7 Fardeen jajjaboon sun yeroo gad baʼanitti guutummaa lafaa irra asii fi achi deemuu barbaadanii turan. Innis “Guutummaa lafaa irra deemaa!” jedheen. Kanaafuu isaan guutummaa lafaa irra deeman.
ZEC 6:8 Ergasii inni na waamee, “Ilaali, warri gara biyya kaabaa deeman sun biyya kaabaatti Hafuura koo boqochiisaniiru” naan jedhe.
ZEC 6:9 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
ZEC 6:10 “Boojiʼamtoota Baabilon irraa dhufan jechuunis Heldaayi, Xoobbiyaa fi Yedaaʼiyaa irraa meetii fi warqee fuudhi. Gaafasuma gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi.
ZEC 6:11 Meetii fi warqee sana fuudhiitii gonfoo tolchi; gonfoo sanas mataa Iyyaasuu lubicha ol aanaa ilma Yehoozaadaaq irra kaaʼi.
ZEC 6:12 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii itti himi: ‘Kunoo namichi maqaan isaa Damee jedhamu tokko as jira; innis damee baasee iddoo isaatii dagaagee dhaqee mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaara.
ZEC 6:13 Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaru isa; inni ulfina uffatee teessoo isaa irra taaʼee ni bulcha. Inni teessoo isaa irratti luba taʼa. Walii galteen nagaas isaan lamaan gidduu ni jiraata.’
ZEC 6:14 Gonfoon sunis yaadannoo Heelem, Xoobbiyaa, Yedaaʼiyaatii fi Heeni ilma Sefaaniyaa tiif mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ni kaaʼama.
ZEC 6:15 Warri fagoo jiraatan dhufanii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqayyoo ni gargaaru; isinis akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu. Yoo isin akka gaarii Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamtan wanni kun ni taʼa.”
ZEC 7:1 Bara Daariyoos Mootichaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii afuraffaa jiʼa saglaffaa, jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa dubbiin Waaqayyoo gara Zakkaariyaas dhufe.
ZEC 7:2 Namoonni Beetʼeel akka isaan Waaqayyoon kadhataniif Sharezerii fi Reege-Meleekin namoota isaanii wajjin ergan;
ZEC 7:3 kunis akka isaan, “Ani akkuman waggoota hedduu godhe sana ammas jiʼa shanaffaa keessa gaddee soomuu qabaa?” jedhanii luboota mana qulqullummaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuutii fi raajota gaafataniif.
ZEC 7:4 Dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu akkana jedhee gara koo dhufe;
ZEC 7:5 “Uummata biyya kanaatii fi luboota hunda akkana jedhii gaafadhu; ‘Isin waggoota torbaataman darban yeroo jiʼa shanaffaa fi torbaffaa keessa soomtanii gadditanitti dhugumaan anaaf soomtanii?
ZEC 7:6 Yeroo nyaattanii fi dhugdanittis ofuma keessaniif nyaattanii dhugdan mitii?
ZEC 7:7 Dubbiin kun isa Waaqayyo gaafa Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee nagaa fi badhaadhummaadhaan jiraatanitti, yeroo Negeebii fi gaarran lixaa bira namoonni jiraachaa turanitti karaa raajota isaa kanneen duriitiin dubbate mitii?’ ”
ZEC 7:8 Dubbiin Waaqayyoo ammas akkana jedhee gara Zakkaariyaas dhufe:
ZEC 7:9 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa.
ZEC 7:10 Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’
ZEC 7:11 “Isaan garuu dhagaʼuu didan; mataa jabinaanis dugda isaanii itti gatanii gurra isaanii cuqqaallatan.
ZEC 7:12 Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa jabeeffatanii seera yookaan dubbii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu karaa raajota isaa kanneen duriitiin Hafuura isaatiin erge dhaggeeffachuu didan. Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akka malee aare.
ZEC 7:13 “ ‘Yeroo ani waametti, isaan na hin dhaggeeffanne; kanaafuu yoo isaan na waammatan ani isaan hin dhaggeeffadhu’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
ZEC 7:14 ‘Ani bubbeedhaan saba isaan hin beekne hunda gidduutti isaan nan bittinneesse. Biyyi isaanii hamma namni itti galuu fi keessaan darbu tokko iyyuu dhabamutti isaan booddee ni onte. Isaan akkasiin biyya namatti toltu sana onsan.’ ”
ZEC 8:1 Dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu ammas gara koo dhufe.
ZEC 8:2 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani Xiyooniif hinaaffaa guddaa qaba; hinaaffaa isheetiin guggubachaan jira.”
ZEC 8:3 Waaqayyo akkana jedha: “Ani Xiyoonitti deebiʼee Yerusaalem keessa nan jiraadha. Yerusaalemis Magaalaa Dhugaa jedhamti; tulluun Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuus Tulluu Qulqulluu jedhamee ni waamama.”
ZEC 8:4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ammas yeroo tokko jaarsolii fi jaartoliin daandii Yerusaalem irra ni tataaʼu; tokkoon tokkoon isaanii sababii dulluma isaaniitiif ulee harkatti qabatu.
ZEC 8:5 Daandiin magaalattii ijoollee dhiiraa fi durbaa kanneen achi taphataniin ni guutama.”
ZEC 8:6 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yeroo sanatti wanni kun hambaa saba kanaatiif dinqii taʼu dandaʼa; anaaf garuu kun dinqii taʼuu dandaʼaa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
ZEC 8:7 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani biyyoota baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu keessaa saba koo nan baasa.
ZEC 8:8 Ani akka isaan Yerusaalem keessa jiraataniif isaan nan deebisa; isaan saba koo ni taʼu; anis dhugaa fi qajeelummaadhaan Waaqa isaanii nan taʼa.”
ZEC 8:9 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isin warri amma dubbii raajonni yeroo hundeen mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu buufametti achi turan dubbatan kana dhageessan, akka manni qulqullummaa ijaaramuuf irreen keessan haa jabaatu.
ZEC 8:10 Yeroo sanaan dura mindaan tokko iyyuu namaaf yookaan horiif hin baafamu turre. Namni tokko iyyuu sababii diina isaatiif nagaadhaan hojii isaatiif baʼee hin galu ture; ani nama hunda walitti kaaseen tureetii.
ZEC 8:11 Garuu ani amma akkan duraan hojjedhe sana hambaa saba kanaatti hin hojjedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
ZEC 8:12 “Sanyiin akka gaarii biqila; mukni wayiniis ija naqata; lafti midhaan kenniti; samiiwwanis fixeensa isaanii coccobsu. Ani waan kana hunda dhaala godhee hambaa saba kanaatiif nan kenna.
ZEC 8:13 Yaa Yihuudaa fi Israaʼel akkuma isin saboota gidduutti waan abaarsaa turtan sana, ani isin baasee akka isin eebba taatan nan godha. Harki keessan haa jabaatuu malee hin sodaatinaa.”
ZEC 8:14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani akkuma gaafa abbootiin keessan na aarsanitti balaa isinitti fiduu yaadee isinii naʼuu dide sana” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu;
ZEC 8:15 “Kanaafuu ani amma Yerusaalemii fi Yihuudaaf waan gaarii hojjechuu murteesseera. Isin hin sodaatinaa.
ZEC 8:16 Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa;
ZEC 8:17 ollaa keessanitti waan hamaa hin malinaa; sobaan kakachuu illee hin jaalatinaa. Ani waan kana hunda nan jibbaa” jedha Waaqayyo.
ZEC 8:18 Ammas dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu gara koo dhufe.
ZEC 8:19 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Soomni jiʼa afuraffaa, shanaffaa, torbaffaa fi kurnaffaa Yihuudaaf yeroo gammachuu fi ililchuu, akkasumas yeroo ayyaana gammachuu taʼa. Kanaafuu dhugaa fi nagaa jaalladhaa.”
ZEC 8:20 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Uummanni hedduunii fi jiraattonni magaalaa hedduun ammas ni dhufu;
ZEC 8:21 jiraattonni magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa dhaqanii, ‘Kottaa mee Waaqayyo kadhachuu fi Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuuf dafnee haa deemnu. Ani mataan koo iyyuu nan deema’ jedhu.
ZEC 8:22 Uummanni baayʼeenii fi saboonni humna qabeeyyiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu barbaadachuu fi isa kadhachuuf gara Yerusaalem ni dhufu.”
ZEC 8:23 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Bara sana keessa afaanii fi saba hunda keessaa namoonni kudhan dhufanii handaara wandaboo namicha Yihuudii tokkoo qabatanii, ‘Nu akka Waaqni isin wajjin jiru waan dhageenyeef, si wajjin haa deemnu’ jedhuun.”
ZEC 9:1 Raajiin dubbii Waaqayyoo biyya Hadraakitti ni dhufa; Damaasqoo irras ni buʼa; iji namoota hundaa fi gosoota Israaʼel hundaa gara Waaqayyo ni ilaalaatii;
ZEC 9:2 akkasumas gara Hamaati ishee daangaa irraa, isaan ogeeyyii taʼan iyyuu gara Xiiroosii fi Siidoonaas ni ilaala.
ZEC 9:3 Xiiroos daʼannoo jabaa ijaarratteerti; meetii akka awwaaraatti, warqees akkuma kosii daandii irraatti tuullateerti.
ZEC 9:4 Gooftaan garuu qabeenya ishee irraa fuudhee humna ishee galaana irratti barbadeessa; isheenis ibiddaan dhumti.
ZEC 9:5 Ashqaloon waan kana argitee ni sodaatti; Gaazaan immoo dhukkubsattee aaddi; Eqroonis akkasuma taati; abdiin ishee coollageeraatii. Gaazaan mootii ishee ni dhabdi; Eqroonis ontee hafti.
ZEC 9:6 Namoonni ormaa Ashdoodin ni qabatu; anis of tuulummaa Filisxeemotaa nan balleessa.
ZEC 9:7 Ani dhiiga afaan isaanii keessa jiru, nyaata dhowwames ilkaan isaanii gidduudhaa nan baasa. Warri hafanis kan Waaqa keenyaa taʼanii Yihuudaa keessattis bulchitoota taʼu; Eqroon immoo akka warra Yebuusotaa ni taati.
ZEC 9:8 Ani garuu loltuu cabsitee seentu mana koo irraa nan dhowwa. Lammata hacuuccuun saba koo irra hin burraaqxu; ani amma dammaqee nan eegaatii.
ZEC 9:9 Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi! Yaa Intala Yerusaalem iyyi! Kunoo mootiin kee qajeelaan, fayyina qabatee, gad of qabee harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira.
ZEC 9:10 Ani gaariiwwan lolaa Efreem keessaa, fardeen lolaas Yerusaalem keessaa nan balleessa; iddaan waraanaas ni caccaba. Inni sabootatti nagaa ni labsa; bulchiinsi isaa galaana tokkoo irraa hamma galaana biraatti, Laga Efraaxiisiitii hamma daarii lafaatti balʼata.
ZEC 9:11 Siʼi immoo, sababii dhiiga kakuu ani si wajjin qabuutiif hidhamtoota kee ani boolla bishaan hin qabne keessaa baasee gad nan dhiisa.
ZEC 9:12 Yaa hidhamtoota abdii qabdan, daʼannoo keessanitti deebiʼaa; ani ammas harka lama godhee isiniif nan deebisa.
ZEC 9:13 Ani akkan iddaa koo dabsadhutti Yihuudaa dabsee Efreem keessa nan guuta. Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee ilmaan Giriikitti nan kaasa; siʼi immoo akka goraadee goota tokkoo nan godhadha.
ZEC 9:14 Waaqayyo isaan irratti ni mulʼata; xiyyi isaa akka bakakkaa ni balaqqisa. Waaqayyo Gooftaan malakata ni afuufa; inni bubbee kibbaatiin deema;
ZEC 9:15 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isaan eega. Isaan dhagaa furrisaatiin barbadeessanii moʼatu. Isaan akkuma daadhii wayinii dhuganii akkuma waciitii ittiin golee iddoo aarsaatti facaasaniitti ni guutamu.
ZEC 9:16 Akkuma tikseen bushaayee isaa oolchu sana, Waaqayyo Waaqni isaanii gaafas saba isaa ni oolcha. Isaan akkuma faaya gonfoo irraatti biyya isaa keessatti ni calaqqisu.
ZEC 9:17 Isaan akkam nama hawwatu! Akkamis miidhagu! Midhaan dargaggoota, daadhiin wayinii haaraan immoo shamarran jajjabeessa.
ZEC 10:1 Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa; bakakkaa kan ergu Waaqayyoo dha. Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf, biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna.
ZEC 10:2 Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu; raajonni mulʼata sobaa argu; isaan abjuu sobaa namatti himu; waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu. Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee hacuucamee asii fi achi joora.
ZEC 10:3 “Aariin koo tiksootatti bobaʼeera; ani reʼoota nan adaba; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata; lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa.
ZEC 10:4 Yihuudaa keessaa dhagaan golee, isa keessaa qofoon dunkaanaa, isa keessaa iddaan lolaa, isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa.
ZEC 10:5 Isaan akkuma namoota jajjaboo waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu. Sababii Waaqayyo isaan wajjin jiruuf isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu.
ZEC 10:6 “Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa; mana Yoosefis nan oolcha. Ani waanan garaa isaaniif laafuuf deebisee isaan nan dhaaba. Isaan akkuma waan ani duraanuu isaan hin gatinii taʼu; ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti; deebiis isaaniif nan kenna.
ZEC 10:7 Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu; garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada. Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu; garaan isaanii Waaqayyootti ni gammada.
ZEC 10:8 Ani siiqsee walitti isaan nan qaba. Ani dhugumaan isaan nan fura; isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu.
ZEC 10:9 Yoo ani saboota gidduutti isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu; ni deebiʼus.
ZEC 10:10 Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida; Asoor keessaas walittin isaan qaba. Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida; iddoon isaan gaʼus hin argamu.
ZEC 10:11 Inni galaana rakkinaa keessa darba; dhaʼaa galaanaas ni rukuta; tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu. Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa; bokkuun mootummaa Gibxis ni bada.
ZEC 10:12 Ani Waaqayyoon isaan nan jabeessa; isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu” jedha Waaqayyo.
ZEC 11:1 Yaa Libaanoon, akka ibiddi birbirsa kee gubee fixuuf balbala kee banadhu!
ZEC 11:2 Yaa muka gaattiraa, birbirsi kufeeraatii wawwaadhu; mukkeen ulfina qaban badaniiru! Yaa qilxuu Baashaan wawwaadhu; bosonni gobbuun ciramee dhumeera!
ZEC 11:3 Wawwaannaa tiksootaa dhaggeeffadhaa; lafti tika isaanii inni gabbataan barbadaaʼeeraatii! Aaduu leencaa dhagaʼaa; bosonni Yordaanos gobbuun sun barbadaaʼeeraatii!
ZEC 11:4 Waaqayyo Waaqni koo akkana jedha: “Bushaayee qalmaaf qopheeffaman tiksi.
ZEC 11:5 Warri isaan bitatan, qalatanii utuu hin adabamin hafu. Warri gurguratanis, ‘Waaqayyoon galanni haa gaʼu; ani sooressa!’ jedhu. Tiksoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan.
ZEC 11:6 Ani siʼachi uummata biyyattiitiif garaa hin laafuutii” jedha Waaqayyo. “Ani nama hunda dabarsee ollaa isaatii fi mootii isaatti nan kenna. Isaan biyyattii ni rukutu; anis harka isaaniitii isaan hin baasu.”
ZEC 11:7 Kanaafuu ani bushaayee qalmaaf qopheeffaman, keessumattuu kanneen bushaayee cunqurfaman nan tikfadhe. Ergasii ani ulee lama fudhadhee isa tokkoon Surraa isa kaaniin immoo Tokkummaa jedheen moggaase; akkasiinis bushaayee nan tikfadhe.
ZEC 11:8 Ani jiʼuma tokko keessatti tiksoota sadan nan balleesse. Lubbuun koo isaan balfite; lubbuun isaaniis na balfite;
ZEC 11:9 akkanas jedheen; “Ani tiksee keessan hin taʼu. Kan duʼu haa duʼu; kan badus haa badu. Kanneen hafanis foon walii haa nyaatan.”
ZEC 11:10 Ergasii ani kakuu saboota hunda wajjin gale cabsuudhaaf ulee koo kan Surraa jedhamu fuudhee nan cabse.
ZEC 11:11 Innis guyyuma sana cabe; kanaafuu bushaayeen dhiphatan kanneen na ilaalaa turan akka wanni kun dubbii Waaqayyoo taʼe beekan.
ZEC 11:12 Anis, “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaate, gatii koo naaf kennaa; yoo taʼuu baate immoo dhiisaa” nan jedheen. Kanaafuu isaan meetii soddoma naaf kennan.
ZEC 11:13 Waaqayyos gatii gaarii isaan itti na shallagan sana, “Mankuusa keessa buusi!” naan jedhe. Kanaafuu ani meetii soddomman sana fuudhee mana Waaqayyoo keessatti mankuusa keessa nan buuse.
ZEC 11:14 Ergasii ani obbolummaa Yihuudaatii fi Israaʼel diiguudhaaf ulee koo lammaffaa kan Tokkummaa jedhamu sana nan cabse.
ZEC 11:15 Kana irratti Waaqayyo akkana naan jedhe; “Ammas miʼa tiksee gowwaa sanaa fuudhi.
ZEC 11:16 Ani kunoo biyyattii keessatti tiksee hoolotaa nan kaasa; innis isa bade hin yaadatu; isa joore hin barbaadu; isa cabe hin walʼaanu; isa fayye hin sooru; garuu foon coomaa ni nyaata; kottee isaaniis ni caccabsa.
ZEC 11:17 “Tiksee faayidaa hin qabne kan bushaayee gatee deemuuf wayyoo! Goraadeen irree isaatii fi ija isaa mirgaa haa dhaʼu! Irreen isaa guutumaan guutuutti haa goggogu; iji isaa mirgaa guutumaan guutuutti haa jaamu!”
ZEC 12:1 Kun raajii dubbii Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbatuu dha. Waaqayyo samiiwwan diriirse, inni hundee lafaa buuse, inni nama keessatti hafuura namaa uume sun akkana jedha:
ZEC 12:2 “Ani Yerusaalemin namoota naannoo ishee jiraatan hundatti xoofoo gatantarsu nan godha. Yihuudaan akkuma Yerusaalem marfamtee ni qabamti.
ZEC 12:3 Gaafas, yeroo saboonni lafaa hundi isheen mormuudhaan walitti qabamanitti, ani Yerusaalemin saboota hundatti kattaa hin sochoofamne nan godha. Warri ishee sochoosuu yaalan hundi of miidhu.
ZEC 12:4 Gaafas ani fardeen hunda nan naasisa; isa yaabbatus nan maraacha” jedha Waaqayyo. “Ani Yihuudaa eeguuf ija koo nan banadha; ija fardeen saboota hundaa garuu nan jaamsa.
ZEC 12:5 Ergasii hangafoonni Yihuudaa garaa isaaniitti, ‘Jiraatonni Yerusaalem sababii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu Waaqa isaanii taʼeef jajjaboo dha’ jedhu.
ZEC 12:6 “Ani gaafas hangafoota Yihuudaa badaa ibiddaa tuullaa qoraanii keessaa, akkuma guca ibiddaa bissii keessaa nan godha. Isaan saboota naannoo isaanii kanneen mirgaa fi bitaan jiran hunda ni barbadeessu; Yerusaalem garuu utuu hin miidhamin iddoodhuma isheetti hafti.
ZEC 12:7 “Waaqayyo akka ulfinni mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem ulfina Yihuudaa hin caalleef duraan dursee iddoo jireenya Yihuudaa ni baraara.
ZEC 12:8 Gaafas Waaqayyo jiraattota Yerusaalemiif ni qolata; guyyaa sana isaan keessaa inni dadhabaan akka Daawit taʼa; manni Daawitis akka Waaqaa, akka ergamaa Waaqayyoo isa isaan dura deemuu ni taʼa.
ZEC 12:9 Ani gaafas saboota Yerusaalem lolan hunda balleessuuf nan baʼa.
ZEC 12:10 “Ani mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura surraatii fi kadhannaa nan dhangalaasa. Isaan ana isa waraanan sana ni ilaalu; isaan akkuma nama ilma tokkichaaf booʼuutti ni booʼuuf; akkuma nama ilma hangafaaf baayʼisee gadduuttis ni gadduuf.
ZEC 12:11 Gaafas booʼichi Yerusaalem keessaa akkuma booʼicha dirree Megidoonitti Hadaad Rimooniif booʼame sanaa guddaa taʼa.
ZEC 12:12 Biyyattiin ni boossi; tokkoon tokkoon balbalaas niitota isaanii wajjin ofii isaaniitiif ni booʼu; balballi mana Daawitii fi niitonni isaanii, balballi mana Naataaniitii fi niitonni isaanii,
ZEC 12:13 balballi mana Lewwii fi niitonni isaanii, balballi Shimeʼiitii fi niitonni isaanii,
ZEC 12:14 balbalawwan hafan hundii fi niitonni isaanii ni booʼu.
ZEC 13:1 “Gaafas mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem cubbuu fi xuraaʼummaa irraa akka qulqulleessuuf burqaan tokko ni banama.
ZEC 13:2 “Ani gaafas maqaa waaqota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Ani raajotaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa.
ZEC 13:3 Yoo namni tokko ammas raajii dubbate, abbaa fi haati isaa, warri isa dhalche, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin waan soba dubbatteef duʼuu qabda’ jedhuun. Yeroo inni raajii dubbatutti abbaa fi haati isaa warri isa dhalche isa waraanu.
ZEC 13:4 “Guyyaa sana raajiin hundinuu sababii mulʼata raajii isaatiif ni qaanaʼa; inni gowwoomsuudhaaf wayyaa raajii kan rifeensa irraa hojjetame hin uffatu.
ZEC 13:5 Inni, ‘Ani qotee bulaadha malee raajii miti; ijoollummaa kootii jalqabee namni na gurguree ture’ jedha.
ZEC 13:6 Yoo namni tokko, ‘Madaan dhagna kee irraa kun maali?’ jedhee gaafate, inni, ‘Madaan kun madaa ani mana michoota kootti madaaʼee dha’ jedhee deebisa.
ZEC 13:7 “Yaa goraadee, tiksee kootti, nama natti dhiʼaatu sanatti kaʼi!” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Ati tiksee rukuti; hoolonni ni bittinneeffamu; anis harka koo warra xixinnaatti nan deebifadha.
ZEC 13:8 Lafa hunda irratti” jedha Waaqayyo, “Harka sadii keessaa harki lama rukutamee bada; taʼus harka sadii keessaa harki tokko achitti hafa.
ZEC 13:9 Ani harka sadaffaa kana ibiddattin naqa; akkuma meetii baqsee isaan nan qulqulleessa; akka warqeetti isaan nan qora. Isaan maqaa koo ni waammatu; anis deebii nan kennaaf; ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha; isaan immoo, ‘Waaqayyo Waaqa keenya’ jedhu.”
ZEC 14:1 Kunoo guyyaan Waaqayyoo ni dhufa; boojuun kees si keessatti ni qoqqoodama.
ZEC 14:2 Ani akka isaan ishee waraananiif saboota hunda Yerusaalemitti walitti nan qaba; magaalattiin ni qabamti; manneen ni saamamu; dubartoonni isaanii humnaan gudeedamu. Gartokkeen magaalattii ni boojiʼama; uummanni hafe garuu magaalattii keessaa hin fudhatamu.
ZEC 14:3 Waaqayyo akkuma guyyaa duulaa dhaqee lolu sana, dhaqee saboota sana lola.
ZEC 14:4 Guyyaa sana miilli isaa Tulluu Ejersaa isa karaa baʼa Yerusaalemiitiin jiru irra dhaabata; Tulluun Ejersaas baʼaa gara dhiʼaatti sulula guddaa uumee iddoo lamatti baqaqfama. Tulluun sunis gartokkeen isaa gara kaabaatti, gartokkeen isaa immoo gara kibbaatti siqa.
ZEC 14:5 Isin karaa sulula tulluu kootiin baqattu; inni gara Aazeelitti diriirfamaatii. Isin akkuma bara Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa sochii lafaa jalaa baqattan sana ammas ni baqattu. Ergasii Waaqayyo, Waaqni koo ni dhufa; qulqulloonni hundinuus isa wajjin ni dhufu.
ZEC 14:6 Guyyaa sana ifni, dhaamochii fi qorri hin jiraatan.
ZEC 14:7 Guyyaan sun guyyaa addaa, guyyaa Waaqayyo qofa biratti beekamu, yeroo itti garaagarummaan guyyaa fi halkanii hin beekamne ni taʼa. Yeroo dhiʼutti ifa ni taʼa.
ZEC 14:8 Gaafas bishaan jireenyaa Yerusaalem keessaa ni yaaʼa; walakkaan isaa gara galaana baʼaatti, walakkaan immoo gara galaana lixaatti bonaa fi ganna yaaʼa.
ZEC 14:9 Waaqayyo guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas Waaqayyo tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa.
ZEC 14:10 Guutummaan biyyattii Gebaadhaa hamma Rimoon ishee kibba Yerusaalem jirtuutti akka Arabbaa taʼa. Yerusaalem garuu Karra Beniyaamii hamma Karra Jalqabaatti, hamma Karra Goleetti, Gamoo Hanaaniʼeelii hamma iddoo cuunfaa wayinii mootichaatti ol kaafamtee iddoodhuma ishee durii ni turti.
ZEC 14:11 Namni ishee keessa jiraata; isheen siʼachi hin diigamtu. Yerusaalem nagaadhaan jiraatti.
ZEC 14:12 Kun dhaʼicha Waaqayyo ittiin saboota Yerusaalemin lolan hunda rukutuu dha: Foon isaanii utuma isaan miilla isaaniitiin dhaabatanii jiranuu tortora; iji isaanii boolla ija isaanii keessatti tortora; arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti tortora.
ZEC 14:13 Gaafas jeequmsi guddaan Waaqayyo biraa namootatti ni dhufa. Isaanis harkaan wal qabatanii wal haleelu
ZEC 14:14 Yihuudaanis Yerusaalemin lola. Qabeenyi saboota naannoo ishee jiraatanii hundi warqeen, meetii fi uffanni baayʼeen walitti qabama.
ZEC 14:15 Dhaʼichi akkasii fardeenii fi gaangolii, gaalaa fi harree, akkasumas horii qubata keessaa hunda ni rukuta.
ZEC 14:16 Ergasii hambaawwan saboota Yerusaalemin lolan hundaa wagguma waggaadhaan Mooticha, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuu fi Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol baʼu.
ZEC 14:17 Uummanni lafa irra jiraatu kam iyyuu yoo Mooticha, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaqeffachuuf Yerusaalemitti ol baʼuu baate bokkaa hin argatu.
ZEC 14:18 Uummanni Gibxiis yoo ol baʼee hirmaachuu baate bokkaa hin argatu. Waaqayyo dhaʼicha ittiin saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane rukutu isaanitti ni fida.
ZEC 14:19 Kun adabbii Gibxii fi adabbii saboota Ayyaana Daasii ayyaaneffachuuf ol hin baane hundaa taʼa.
ZEC 14:20 Gaafas katabbiin, “Waaqayyoof qulqullaaʼe” jedhu bilbila fardeenii irratti ni barreeffama. Xuwween mana Waaqayyoo keessaas akkuma waciitii qulqulluu fuula iddoo aarsaa dura jiru sanaa ni taʼa.
ZEC 14:21 Xuwween Yerusaalemii fi Yihuudaa keessaa hundi Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuuf qulqulluu taʼa; namni aarsaa dhiʼeessuuf dhufu hundinuus xuwweewwan sana keessaa muraasa ni fudhata. Foon aarsaa itti bilcheeffata. Gaafas namni Kanaʼaan tokko iyyuu deebiʼee mana Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti hin argamu.
MAL 1:1 Raajii dubbii Waaqayyoo kan karaa Miilkiyaasiin gara Israaʼel dhufe.
MAL 1:2 “Ani isin jaalladheera” jedha Waaqayyo. “Isin immoo, ‘Ati akkamitti nu jaallatte?’ jettanii gaafattu. “Esaawu obboleessa Yaaqoob hin turree?” jedha Waaqayyo. “Taʼus ani Yaaqoobin jaalladhee,
MAL 1:3 Esaawun garuu jibbeera; ani tulluuwwan isaa lafa onaa godhee dhaala isaas waangoo gammoojjiitiif kenneera.”
MAL 1:4 Edoomiyaas, “Nu caccabnu iyyuu, diigama sana deebisnee ni ijaarra” jedha taʼa. Garuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isaan ni ijaaru taʼa; ani garuu nan diiga. Isaan Biyya Hamaa, saba yeroo hunda dheekkamsa Waaqayyoo jala jiraatu jedhamanii ni waamamu.
MAL 1:5 Isin waan kana ija keessaniin argitanii, ‘Daarii biyya Israaʼeliin gamatti iyyuu Waaqayyo Guddaa dha!’ jettu.
MAL 1:6 “Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu.
MAL 1:7 “Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu. “Maaddiin Waaqayyoo tuffatamaa dha jechuudhaan.
MAL 1:8 Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 1:9 “Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda dandaʼu.
MAL 1:10 “Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 1:11 “Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 1:12 “Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu.
MAL 1:13 ‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo.
MAL 1:14 “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 2:1 “Yaa luboota akeekkachiisni kun isiniif kenname.
MAL 2:2 Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera.
MAL 2:3 “Sababii keessaniif ani sanyii keessan nan ifadha; faandoo aarsaa isin guyyaa ayyaanaa dhiʼeessitanii fuula keessanitti nan facaasa; isa wajjinis ni baddu.
MAL 2:4 Kakuun ani Lewwii wajjin qabu akka itti fufuuf, ajaja kana isinitti erguu koo isin ni beektu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 2:5 “Kakuun ani isa wajjin gale kakuu jireenyaatii fi kakuu nagaa ture; isas nan kenneef; kunis kabaja fide; innis na kabaje; maqaa koo sodaachuudhaanis ni dhaabate.
MAL 2:6 Gorsi dhugaa afaan isaa keessa ture; sobni tokko iyyuu hidhii isaa irraa hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan na wajjin jiraate; nama hedduus qalbii jijjiirrachiise.
MAL 2:7 “Sababii inni ergamaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu taʼeef, hidhiin luba tokkoo beekumsa kuufata; namoonnis afaan isaa irraa gorsa barbaadu.
MAL 2:8 Isin garuu karaa irraa jalʼattaniirtu; barsiisa keessaniinis namoota baayʼee gufachiiftaniirtu; kakuu Lewwiis cabsitaniirtu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 2:9 “Kanaafuu ani akka isin saboota hunda duratti tuffatamtanii fi salphattan nan godha; isin waaʼee seeraa keessatti loogii hojjettan malee karaa koo duukaa hin buuneetii.”
MAL 2:10 Nu hundi Abbaa tokko qabna mitii? Waaquma tokkotu nu uume mitii? Yoos nu maaliif waliif amanamuu diduudhaan kakuu abbootii keenyaa xureessina ree?
MAL 2:11 Yihuudaan hin amanamne. Israaʼelii fi Yerusaalem keessatti wanni jibbisiisaan tokko raawwatameera; Yihuudaan dubartoota waaqa ormaa waaqeffatan fuudhuudhaan iddoo qulqulluu Waaqayyo jaallatu xureesseera.
MAL 2:12 Nama waan kana hojjetu abbaa fedhe illee yoo taʼe, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa fidu iyyuu dunkaana Yaaqoob keessaa Waaqayyo isa haa balleessu.
MAL 2:13 Wanni isin hojjettan kan biraas kanaa dha: iddoo aarsaa Waaqayyoo irra imimmaan lolaaftu. Sababii inni siʼachi aarsaa keessaniif xiyyeeffannoo hin kennineef yookaan aarsaa keessan gammachuudhaan isin harkaa hin fudhanneef ni boossu; ni wawwaattus.
MAL 2:14 Isinis, “Kun maaliif taʼe?” jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef Waaqayyo siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha.
MAL 2:15 Waaqayyo tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.
MAL 2:16 “Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba” jedha Waaqayyo Waaqni Israaʼel; “Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa.
MAL 2:17 Isin dubbii keessaniin Waaqayyoon dadhabsiiftaniirtu. “Nu akkamiin isa dadhabsiifne?” jettaniis gaafattu. “Warri waan hamaa hojjetan hundinuu fuula Waaqayyoo duratti gaarii dha; innis isaanitti gammada” yookaan “Waaqni murtii qajeelaa meerre?” jechuudhaan.
MAL 3:1 “Kunoo ani ergamaa koo isa fuula koo duraan karaa naaf qopheessu nan erga. Ergasii Gooftaan isin eeggattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa; ergamaan kakuu kan isin hawwitan sun ni dhufa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 3:2 Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti.
MAL 3:3 Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis Waaqayyo namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata;
MAL 3:4 akkuma bara darbee, akkuma waggoota duraa aarsaan Yihuudaatii fi Yerusaalem Waaqayyoon ni gammachiisa.
MAL 3:5 “Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 3:6 “Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.
MAL 3:7 Isin bara abbootii keessaniitii jalqabdanii sirna koo irraa jalʼattaniirtu; hin eegnes. Gara kootti deebiʼaa; anis gara keessanitti nan deebiʼaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin deebina?’ jettanii gaafattu.
MAL 3:8 “Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu. “Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan.
MAL 3:9 Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu.
MAL 3:10 Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 3:11 “Ani akka daanaʼoon midhaan keessan hin balleessineef nan ifadha; mukni wayinii lafa qotiisa keessaniis ija hin harcaafatu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 3:12 “Ergasii isin biyya gammaddu waan taataniif, saboonni hundinuu eebbifamtoota isiniin jedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 3:13 “Isin of tuulummaadhaan natti dubbattan” jedha Waaqayyo. “Taʼus, ‘Nu maal siin jenne?’ jettanii gaafattu.
MAL 3:14 “Isin akkana dubbattan; ‘Waaqa tajaajiluun faayidaa hin qabu. Nu fedhii isaa duukaa buunee akkuma nama booʼuu, fuula Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dura jooruudhaan maal arganne?
MAL 3:15 Amma garuu of tuultotaan eebbifamtoota jenna. Dhugumaan warri hamaa hojjetan ni eebbifamu; warri Waaqa qoranis ni miliqu.’ ”
MAL 3:16 Warri Waaqayyoon sodaatan walitti dubbatan; Waaqayyos isaan dhaggeeffate; ni dhagaʼes. Warra Waaqayyoon sodaatanii fi maqaa isaa kabajaniifis kitaabni maramaan yaadannoodhaaf fuula isaa duratti barreeffame.
MAL 3:17 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Guyyaa ani hojjedhutti isaan handhuuraa koo addaa ni taʼu. Akkuma namni tokko ilma isaa kan isa tajaajilu baraaru sana ani isa nan baraara.
MAL 3:18 Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Waaqa tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu.
MAL 4:1 “Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu.
MAL 4:2 Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.
MAL 4:3 Ergasii isin hamoota ni dhidhiittu; isaanis guyyaa ani wantoota kanneen hojjedhutti faana miilla keessanii jalatti daaraa ni taʼu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
MAL 4:4 “Seera garbicha koo Musee, sirnaa fi ajaja ani Israaʼeloota hundaaf Kooreebitti isatti kenne sana yaadadhaa.
MAL 4:5 “Kunoo ani, guyyaan Waaqayyoo inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Eeliyaas raajicha isiniif nan erga.
MAL 4:6 Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta.”
MAT 1:1 Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha:
MAT 1:2 Abrahaam Yisihaaqin dhalche; Yisihaaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche;
MAT 1:3 Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche; Faares Hezroonin dhalche; Hezroon Arraamin dhalche;
MAT 1:4 Arraam Amiinaadaabin dhalche; Abiinaadaab Nahishoonin dhalche; Nahishoon Salmoonin dhalche;
MAT 1:5 Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche; Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed Isseeyin dhalche;
MAT 1:6 Isseey Daawit Mooticha dhalche. Daawit niitii Uuriyaa irraa Solomoonin dhalche;
MAT 1:7 Solomoon Rehooboʼaamin dhalche; Rehooboʼaam Abiyaa dhalche; Abiyaan Asaafin dhalche;
MAT 1:8 Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche; Yehooshaafaax Yehooraamin dhalche; Yehooraam Uziyaan dhalche;
MAT 1:9 Uziyaan Yootaamin dhalche; Yootaam Akaazin dhalche; Akaaz Hisqiyaasin dhalche;
MAT 1:10 Hisqiyaas Minaasee dhalche; Minaaseen Aamoonin dhalche; Aamoon Yosiyaasin dhalche;
MAT 1:11 Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche.
MAT 1:12 Boojuu Baabilon booddee, Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche; Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche;
MAT 1:13 Zarubaabel Abiyuudin dhalche; Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche; Eliyaaqeem Azoorin dhalche;
MAT 1:14 Azoor Zaadoqin dhalche; Zaadoq Akiimin dhalche; Akiim Eliyuudin dhalche;
MAT 1:15 Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche; Eleʼaazaar Maattaanin dhalche; Maattaan Yaaqoobin dhalche;
MAT 1:16 Yaaqoob Yoosefin dhalche; Yoosef kunis dhirsa Maariyaam ishee Yesuus isa Kiristoos jedhamu deesse sanaa ti.
MAT 1:17 Egaa walumaa galatti Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Kiristoosiitti dhaloota kudha afurtu ture.
MAT 1:18 Dhalachuun Yesuus Kiristoos akkana ture: Haati isaa Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte.
MAT 1:19 Yoosef kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.
MAT 1:20 Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin.
MAT 1:21 Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”
MAT 1:22 Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe.
MAT 1:23 Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu” jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha.
MAT 1:24 Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate.
MAT 1:25 Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Yesuus” jedhee moggaase.
MAT 2:1 Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Yesuus magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan;
MAT 2:2 isaanis, “Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhanii gaafatan.
MAT 2:3 Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte.
MAT 2:4 Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee, Kiristoos eessatti akka dhalatu isaan gaafate.
MAT 2:5 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, “ ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”
MAT 2:7 Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate.
MAT 2:8 Innis, “Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa” jedhee Beetlihemitti isaan erge.
MAT 2:9 Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme.
MAT 2:10 Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan.
MAT 2:11 Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif.
MAT 2:12 Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan.
MAT 2:13 Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo ergamaan Gooftaa abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen.
MAT 2:14 Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele;
MAT 2:15 hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin, “Ani Gibxii ilma koo waameera” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
MAT 2:16 Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise.
MAT 2:17 Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate ni raawwatame. Innis akkana jedha:
MAT 2:18 “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
MAT 2:19 Erga Heroodis duʼee booddee, ergamaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee,
MAT 2:20 “Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi” jedheen.
MAT 2:21 Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa fudhatee biyya Israaʼel dhaqe.
MAT 2:22 Garuu yommuu akka Arkelaawoos iddoo abbaa isaa, iddoo Heroodis Yihuudaa irratti moʼe dhagaʼetti achi dhaquu sodaate; abjuudhaanis waan of eeggachiisni isaaf kennameef gara aanaa Galiilaa deeme;
MAT 2:23 achis dhaqee magaalaa Naazreeti jedhamtu keessa jiraate. Kunis dubbiin, “Inni Naaziricha jedhamee ni waamama” jedhamee karaa raajotaatiin dubbatame sun akka raawwatamuuf taʼe.
MAT 3:1 Bara sana Yohannis Cuuphaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe;
MAT 3:2 innis, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhe.
MAT 3:3 Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas raajichaatiin, “Sagalee nama, ‘Gooftaadhaaf karaa qopheessaa; daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo” jedhamee dubbatame sanaa dha.
MAT 3:4 Uffanni Yohannis rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture.
MAT 3:5 Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan.
MAT 3:6 Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
MAT 3:7 Inni garuu yommuu Fariisotaa fi Saduuqota keessaa baayʼeen isaanii utuu gara iddoo inni itti cuuphaa turee dhufanuu argetti akkana jedheen; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?
MAT 3:8 Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa.
MAT 3:9 Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu waan dandeessan hin seʼinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.
MAT 3:10 Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.
MAT 3:11 “Ani qalbii jijjiirrannaadhaafin bishaaniin isin cuupha. Inni na duubaan dhufu garuu na caalaa jabaa dha; ani kophee isaa iyyuu baachuuf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.
MAT 3:12 Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
MAT 3:13 Yesuus ergasii Yohannisiin cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos dhufe.
MAT 3:14 Yohannis garuu, “Ani siin cuuphamuu na barbaachisa; ati immoo gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowwe.
MAT 3:15 Yesuusis deebisee, “Ammaaf akkanuma haa taʼuu dhiisi; nu qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf waan kana gochuu qabnaatii” jedheen. Yohannisis isa dhowwuu dhiise.
MAT 3:16 Yesuusis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma samiin banamee, utuu Hafuurri Waaqaa akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge.
MAT 3:17 Sagaleen tokkos samii irraa, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada” jedhe.
MAT 4:1 Ergasii Yesuus akka diiyaabiloosiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame.
MAT 4:2 Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe.
MAT 4:3 Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji” jedheen.
MAT 4:4 Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’jedhamee barreeffameera” jedheen.
MAT 4:5 Ergasii diiyaabiloos gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise.
MAT 4:6 Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Inni ergamoota isaa siif ni ajaja; isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, harka isaaniitiin ol si fuudhu.’”
MAT 4:7 Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’jedhamee barreeffameera” jedheen.
MAT 4:8 Ammas diiyaabiloos tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise.
MAT 4:9 Akkanas jedheen; “Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna.”
MAT 4:10 Yesuusis, “Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’jedhamee barreeffameeraatii” jedheen.
MAT 4:11 Diiyaabiloosis isa dhiisee deeme; ergamoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.
MAT 4:12 Yesuus yommuu akka Yohannis mana hidhaatti galfame dhagaʼetti Galiilaatti deebiʼe.
MAT 4:13 Innis Naazreetii baʼee gara Qifirnaahom ishee biyya Zebuuloonii fi Niftaalem keessatti qarqara galaanaatti argamtu sanaa dhaqee achi jiraate;
MAT 4:14 kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; dubbichis akkana jedha:
MAT 4:15 “Biyyi Zebuuloonii fi biyyi Niftaalem kanneen Yordaanos gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran, Galiilaan Namoota Ormaas,
MAT 4:16 sabni dukkana keessa jiraatu, ifa guddaa argeera; warra biyya gaaddidduu duʼaa keessa jiraataniifis, ifni baʼeera.”
MAT 4:17 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhee lallabuutti kaʼe.
MAT 4:18 Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu, obboloota lama jechuunis Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaasin arge. Isaanis qurxummii qabdoota waan taʼaniif kiyyoo galaanatti darbachaa turan.
MAT 4:19 Yesuusis, “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga” jedheen.
MAT 4:20 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
MAT 4:21 Innis utuu achii kaʼee deemuu obboloota gara biraa lama jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannisin arge. Isaanis abbaa isaanii Zabdewoos wajjin kiyyoo isaanii qopheeffachaa bidiruu keessa turan. Yesuusis isaan waame;
MAT 4:22 isaanis yommusuma bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
MAT 4:23 Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, dhibee fi dhukkuba saba keessa jiru hunda fayyisaa Galiilaa guutuu keessa deeme.
MAT 4:24 Oduun waaʼee isaas Sooriyaa hunda keessatti dhagaʼame; namoonnis warra dhukkuba garaa garaatiin qabaman, warra dhukkuba hamaan dhiphatan, warra hafuura hamaan qabaman, warra dhukkuba gaggabdootiin dhiphatanii fi warra dhagni irratti duʼe isatti fidan; innis isaan fayyise.
MAT 4:25 Tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa, Magaalaa Kurnanii, Yerusaalemii, Yihuudaa fi biyya Yordaanos gamaatii isa duukaa buʼe.
MAT 5:1 Yesuus yommuu namoota baayʼee argetti, tulluutti ol baʼee taaʼe. Barattoonni isaas gara isaa dhufan;
MAT 5:2 innis isaan barsiisuu jalqabe. Akkanas jedhe:
MAT 5:3 “Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
MAT 5:4 Warri gaddan eebbifamoo dha; jajjabina ni argatuutii.
MAT 5:5 Warri garraamiin eebbifamoo dha; lafa ni dhaaluutii.
MAT 5:6 Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha; isaan ni quufuutii.
MAT 5:7 Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha; araara ni argatuutii.
MAT 5:8 Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha; Waaqa ni arguutii.
MAT 5:9 Warri nagaa buusan eebbifamoo dha; ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.
MAT 5:10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
MAT 5:11 “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha.
MAT 5:12 Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
MAT 5:13 “Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.
MAT 5:14 “Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu.
MAT 5:15 Yookaan namoonni ibsaa qabsiisanii gombisaa jala hin kaaʼan. Qooda kanaa baattuu isaa irra kaaʼu; ibsaan sunis namoota mana keessa jiran hundaaf ifa kenna.
MAT 5:16 Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.
MAT 5:17 “Isin waan ani Seera yookaan Raajota diiguu dhufe hin seʼinaa; ani isaan raawwachuuf malee diiguuf hin dhufne.
MAT 5:18 Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu.
MAT 5:19 Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.
MAT 5:20 Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.
MAT 5:21 “Isin akka bara dheeraan dura namootaan, ‘Hin ajjeesin; nama ajjeese kamitti iyyuu ni muramaa’jedhame dhageessaniirtu.
MAT 5:22 Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata.
MAT 5:23 “Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte,
MAT 5:24 kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi.
MAT 5:25 “Amajaajii kee isa mana murtiitti si geessaa jiru wajjin dafii walii gali. Kanas utuma isa wajjin karaa jirtuu godhi; yoo kanaa achii amajaajiin kee dabarsee abbaa seeraatti si kenna; abbaan seeraa immoo poolisiitti si kenna; atis mana hidhaatti darbatamta.
MAT 5:26 Ani dhuguman sitti hima; ati hamma saantima ishee dhumaa baaftutti achii hin baatu.
MAT 5:27 “Isin akka, ‘Hin ejjin’jedhame dhageessaniirtu.
MAT 5:28 Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.
MAT 5:29 Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii.
MAT 5:30 Yoo harki kee mirgaa si gufachiise of irraa murii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti galuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya.
MAT 5:31 “Namni niitii isaa hiiku kam iyyuu, ‘Waraqaa ragaa hiikkaa haa kennuuf’jedhameera.
MAT 5:32 Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.
MAT 5:33 “Ammas akka warra duriitiin, ‘Waan kakatte Gooftaadhaaf guuti malee sobaan hin kakatin’jedhame dhageessaniirtu.
MAT 5:34 Ani garuu isinittin hima; gonkumaa hin kakatinaa: samiidhaan hin kakatinaa; inni teessoo Waaqaatii;
MAT 5:35 yookaan lafaan hin kakatinaa; isheen ejjeta miilla isaatii; yookaan Yerusaalemiin hin kakatinaa; isheen magaalaa Mooticha Guddaatii.
MAT 5:36 Mataa keetiinis hin kakatin; ati rifeensa tokko illee addeessuu yookaan gurraachesuu hin dandeessuutii.
MAT 5:37 Wanni isin jechuu qabdan, ‘Eeyyee’ yookaan ‘Waawuu’ haa taʼu; wanni kanaa achii kam iyyuu isa hamaa sana irraa dhufa.
MAT 5:38 “ ‘Qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii immoo ilkaan’akka jedhame dhageessaniirtu.
MAT 5:39 Ani garuu isinittin hima. Nama hamaadhaan hin morkatinaa. Yoo namni tokko maddii kee mirgaa si kabale, kaanis itti qabi.
MAT 5:40 Yoo namni tokko si himatee kittaa kee sirraa fudhate, kootii kees kenniif.
MAT 5:41 Yoo namni tokko akka ati gara kiiloo meetira tokkoo fi walakkaa isa wajjin deemtu si dirqisiise, ati immoo gara kiiloo meetira sadii isa wajjin deemi.
MAT 5:42 Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin.
MAT 5:43 “ ‘Ollaa kee jaalladhu;diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu.
MAT 5:44 Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;
MAT 5:45 kanaanis abbaa keessan kan samii irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa.
MAT 5:46 Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii?
MAT 5:47 Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii?
MAT 5:48 Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.
MAT 6:1 “Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.
MAT 6:2 “Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
MAT 6:3 Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin;
MAT 6:4 kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
MAT 6:5 “Isin yommuu kadhattan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
MAT 6:6 Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
MAT 6:7 Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.
MAT 6:8 Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin hin kadhatin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.
MAT 6:9 “Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “ ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu, maqaan kee haa qulqullaaʼu;
MAT 6:10 mootummaan kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana, lafa irrattis haa taʼu.
MAT 6:11 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.
MAT 6:12 Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana, atis yakka keenya nuuf dhiisi.
MAT 6:13 Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.
MAT 6:14 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.
MAT 6:15 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.
MAT 6:16 “Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; isaan akka soomuutti jiran argisiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessu. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
MAT 6:17 Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu.
MAT 6:18 Kunis akka sooma kee sana abbaa kee isa namatti hin mulʼanne malee namni hin beekneefii dha. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun gatii kee ifaan ifatti siif kenna.
MAT 6:19 “Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa.
MAT 6:20 Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.
MAT 6:21 Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
MAT 6:22 “Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama.
MAT 6:23 Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!
MAT 6:24 “Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
MAT 6:25 “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?
MAT 6:26 Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?
MAT 6:27 Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?
MAT 6:28 “Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan.
MAT 6:29 Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.
MAT 6:30 Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree?
MAT 6:31 Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa.
MAT 6:32 Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
MAT 6:33 Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
MAT 6:34 Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.
MAT 7:1 “Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa.
MAT 7:2 Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.
MAT 7:3 “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?
MAT 7:4 Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa?
MAT 7:5 Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
MAT 7:6 “Waan qulqulluu sarootaaf hin kenninaa; lula keessanis booyyee dura hin buusinaa. Yoo kana gootan isaan miilla isaaniitiin dhidhiitu; gara galanis isin cicciru.
MAT 7:7 “Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.
MAT 7:8 Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
MAT 7:9 “Isin keessaa namni yoo ilmi isaa buddeena isa kadhate, dhagaa kennuuf eenyu?
MAT 7:10 Yookaan yoo inni qurxummii isa kadhate, bofa kennuuf eenyu?
MAT 7:11 Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!
MAT 7:12 Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Raajonnis kanumaatii.
MAT 7:13 “Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha.
MAT 7:14 Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.
MAT 7:15 “Raajota sobaa warra kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan, kanneen keessi isaanii garuu yeeyyii akka malee beelaʼee waa cicciratu taʼe irraa of eeggadhaa.
MAT 7:16 Isin ija isaaniitiin isaan beektu. Namoonni qoraattii irraa wayinii yookaan sokorruu irraa harbuu ni ciruu?
MAT 7:17 Akkasumas mukni gaariin hundumtuu ija gaarii naqata; mukni gadheen immoo ija gadhee naqata.
MAT 7:18 Mukni gaariin ija gadhee naqachuu hin dandaʼu; mukni gadheenis ija gaarii naqachuu hin dandaʼu.
MAT 7:19 Mukni ija gaarii hin naqanne hundi muramee ibiddatti naqama.
MAT 7:20 Kanaaf isin ija isaaniitiin isaan beektu.
MAT 7:21 “Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu.
MAT 7:22 Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu.
MAT 7:23 Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.
MAT 7:24 “Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata.
MAT 7:25 Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee mana sana dhaʼe; manichi garuu waan kattaa irratti hundeeffameef hin jigne.
MAT 7:26 Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne hundi garuu nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata.
MAT 7:27 Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee manicha dhaʼe; manni sunis ni jige; jiguun isaas akka malee hamaa ture.”
MAT 7:28 Yommuu Yesuus dubbii kana dubbatee raawwatetti namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan;
MAT 7:29 inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin, akka nama taayitaa qabu tokkootti isaan barsiisa tureetii.
MAT 8:1 Yeroo Yesuus gaara irraa buʼetti, tuuta namoota baayʼeetu isa duukaa buʼe.
MAT 8:2 Kunoo namichi lamxaaʼaan tokkos dhufee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedheen.
MAT 8:3 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen. Lamxiin isaas yeruma sana qulqullaaʼe.
MAT 8:4 Ergasiis Yesuus, “Nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu. Garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; kennaa Museen ajaje sana illee dhiʼeessi” jedheen.
MAT 8:5 Yeroo Yesuus Qifirnaahom seenetti, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate;
MAT 8:6 “Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo dhagni irratti duʼee mana ciisa; akka malees dhiphachaa jira.”
MAT 8:7 Yesuusis, “Ani dhufeen isa fayyisa” jedheen.
MAT 8:8 Ajajaan dhibbaa sun immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Gooftaa, ati bantii mana kootii jala seenuun naaf hin malu. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii.
MAT 8:9 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”
MAT 8:10 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti dinqifatee warra isa duukaa buʼaa turaniin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; ani Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne.
MAT 8:11 Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin mootummaa samii keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.
MAT 8:12 Ijoolleen mootummaa garuu dukkana alaatti gad darbatamu; achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.”
MAT 8:13 Yesuusis deebisee ajajaa dhibbaa sanaan, “Akkuma amantii keetii siif haa taʼu; deemi!” jedhe. Tajaajilaan isaas yeruma sana fayye.
MAT 8:14 Yesuus yommuu mana Phexros seenetti, haati niitii Phexros dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciiftee arge.
MAT 8:15 Innis harka ishee tuqe; dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis kaatee isa tajaajiluu jalqabde.
MAT 8:16 Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise.
MAT 8:17 Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin, “Inni dhibee keenya nurraa fuudhe; dhukkuba keenyas ni baate” jedhame sun raawwatamuuf taʼe.
MAT 8:18 Yesuus yommuu tuuta namoota baayʼee naannoo isaatti argetti akka gama ceʼaniif ajaje.
MAT 8:19 Barsiisaan seeraa tokkos gara isaa dhufee, “Yaa barsiisaa, ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe.
MAT 8:20 Yesuusis deebisee, “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu” jedhe.
MAT 8:21 Barattoota isaa keessaas inni tokko, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami!” jedheen.
MAT 8:22 Yesuus garuu, “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati immoo na duukaa buʼi” jedheen.
MAT 8:23 Yommuu inni bidiruu yaabbatettis, barattoonni isaa isa duukaa buʼan.
MAT 8:24 Akkuma tasaa bubbeen hamaan tokko galaana irratti kaʼe; dambaliinis bidiruu sana irra gara gale. Yesuus garuu rafaa ture.
MAT 8:25 Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Yaa Gooftaa, nu oolchi! Nu dhumuufii!” jedhanii isa dammaqsan.
MAT 8:26 Innis deebisee, “Isin warra amantii xinnoo nana; maaliif akkana sodaattu?” jedheen. Kaʼees bubbee sanaa fi galaana sana ifate; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
MAT 8:27 Namoonnis dinqifatanii, “Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?” jedhan.
MAT 8:28 Yommuu Yesuus gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo awwaalaatii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture.
MAT 8:29 Isaanis, “Yaa Ilma Waaqaa, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?” jedhanii iyyan.
MAT 8:30 Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture.
MAT 8:31 Hafuuronni hamoon sunis, “Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii Yesuusin kadhatan.
MAT 8:32 Innis, “Dhaqaa!” jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume.
MAT 8:33 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan.
MAT 8:34 Magaalaan sun guutuunis Yesuusin arguuf baʼe. Yommuu isa argettis akka inni biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhate.
MAT 9:1 Yesuus bidiruu yaabbatee galaana ceʼee gara magaalaa isaa dhufe.
MAT 9:2 Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, “Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii” jedhe.
MAT 9:3 Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, “Kunoo, namichi kun Waaqa arrabsa!” jedhan.
MAT 9:4 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedhe; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu?
MAT 9:5 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?
MAT 9:6 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
MAT 9:7 Namichis kaʼee mana isaatti gale.
MAT 9:8 Namoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqifatan; Waaqa taayitaa akkasii namaaf kenneefis ulfina kennan.
MAT 9:9 Yesuus achii kaʼee utuu deemuu namicha Maatewos jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Maatewosis kaʼee isa duukaa buʼe.
MAT 9:10 Yeroo Yesuus mana Maatewositti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaatan.
MAT 9:11 Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Barsiisaan keessan maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan.
MAT 9:12 Yesuus immoo waan kana dhageenyaan akkana jedhe; “Ogeessi fayyaa warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
MAT 9:13 Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii.”
MAT 9:14 Barattoonni Yohannis dhufanii, “Sababiin utuu nuu fi Fariisonni soomnuu, barattoonni kee hin soomneef maali?” jedhanii isa gaafatan.
MAT 9:15 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu gadduu dandaʼu? Yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.
MAT 9:16 “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko illee hin jiru; erbeen sun uffata sana irraa tarsaasaatii; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.
MAT 9:17 Akkasuma immoo namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Yoo isaan itti naqan qalqallichi ni dhoʼa; daadhiinis ni dhangalaʼa; qalqalloonis horoomaa baʼa. Daadhiin wayinii haaraan garuu yoo qalqalloo haaraatti naqame lachanuu yeroo dheeraa turu.”
MAT 9:18 Utuu inni waan kana dubbachaa jiruu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Intalli koo ammuma na duraa duute. Garuu kottuutii harka kee ishee irra kaaʼi; isheenis ni jiraattii” jedheen.
MAT 9:19 Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin isa duukaa buʼe.
MAT 9:20 Kunoo, dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokko dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe.
MAT 9:21 Isheenis garaa ishee keessatti, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
MAT 9:22 Yesuusis garagalee ishee ilaalee, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseeraatii jabaadhu!” jedheen. Dubartiin sunis yeruma sana fayyite.
MAT 9:23 Yesuusis yommuu mana bulchaa mana sagadaa sanaa seenee warra ulullee afuufanii fi uummata wacu argetti,
MAT 9:24 “Asii deemaa! Intalattiin rafteerti malee hin duunee” jedhe. Isaan garuu isatti kolfan.
MAT 9:25 Erga namoonni gad baafamanii booddees inni ol seenee harka intalattii qabe; isheenis kaatee dhaabatte.
MAT 9:26 Oduun waaʼee kanaas biyya sana guutuu keessa facaʼe.
MAT 9:27 Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, “Yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii iyyan.
MAT 9:28 Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, “Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa!” jedhanii deebisaniif.
MAT 9:29 Yesuusis ija isaanii qaqqabee, “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedheen.
MAT 9:30 Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, “Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa” jedhee jabeessee isaan akeekkachiise.
MAT 9:31 Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan.
MAT 9:32 Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan.
MAT 9:33 Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, “Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne” jedhanii dinqifatan.
MAT 9:34 Fariisonni garuu, “Inni hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasa” jedhan.
MAT 9:35 Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme.
MAT 9:36 Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii.
MAT 9:37 Barattoota isaatiinis akkana jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa.
MAT 9:38 Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”
MAT 10:1 Yesuus barattoota isaa kudha lamaan ofitti waamee akka isaan hafuurota xuraaʼoo baasaniif, dhibee fi dhukkuba hundumaa akka fayyisaniif taayitaa kenneef.
MAT 10:2 Maqaan ergamoota kudha lamaaniis kana: Jalqabatti Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaas, Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis,
MAT 10:3 Fiiliphoos, Bartaloomewoos, Toomaas, Maatewos isa qaraxa walitti qabu, Yaaqoob ilma Alfewoosii fi Taadewoos,
MAT 10:4 Simoon Hinaafticha, Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
MAT 10:5 Yesuusis warra kudha lamaan kanneen erge; akkanas jedhee isaan ajaje; “Gara Namoota Ormaa hin dhaqinaa; magaalaawwan Samaariyaa tokko illee hin seeninaa.
MAT 10:6 Qooda kanaa gara hoolota mana Israaʼel kanneen badan sanaa dhaqaa.
MAT 10:7 Yommuu dhaqxanittis, ‘mootummaan samii dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa.
MAT 10:8 Dhukkubsattoota fayyisaa; warra duʼan kaasaa; warra lamxaaʼan qulqulleessaa; hafuurota hamoo baasaa. Tola waan argattaniif toluma kennaa.
MAT 10:9 “Sabbata keessanitti warqee yookaan meetii yookaan sibiila diimaa hin qabatinaa;
MAT 10:10 karaa keessaniif korojoo yookaan kittaa lama yookaan kophee yookaan ulee hin qabatinaa; hojjetaaf waan isa barbaachisu argachuun ni malaatii.
MAT 10:11 Magaalaa yookaan ganda seentan kam iyyuu keessa nama malu barbaadaa; hamma achii baatanittis manuma isaa turaa.
MAT 10:12 Yommuu mana sana seentanittis nagaa gaafadhaa.
MAT 10:13 Nagaan keessan yoo mana sanaaf male, mana sanaaf haa taʼu; yoo isaaf hin malin garuu nagaan keessan isiniif haa deebiʼu.
MAT 10:14 Yoo namni tokko illee isin simachuu baate yookaan dubbii keessan dhagaʼuu baate, yeroo mana yookaan magaalaa sanaa baatanitti awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.
MAT 10:15 Ani dhuguma isinittin hima; guyyaa murtiitti magaalaa sana irra Sodoomii fi Gomoraaf ni salphata.
MAT 10:16 “Kunoo, ani akka hoolotaa gara gidduu yeeyyiittin isin erga. Kanaafuu akka bofaa ogeeyyii, akka gugee garraamii taʼaa.
MAT 10:17 Namoota irraa of eeggadhaa; isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu.
MAT 10:18 Isinis akka isaanii fi Namoota Ormaatti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa duratti ni dhiʼeeffamtu.
MAT 10:19 Yommuu dabarsanii isin kennanis akkamitti akka dubbattan yookaan maal akka dubbattan hin yaaddaʼinaa. Wanni isin dubbattan yeruma sanatti isiniif kennama;
MAT 10:20 Hafuura Abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee isintu dubbata mitii.
MAT 10:21 “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna; ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.
MAT 10:22 Namni hundinuu sababii kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
MAT 10:23 Yommuu magaalaa tokko keessatti isin ariʼatanitti, gara magaalaa kaaniitti baqadhaa; ani dhuguma isinittin hima; hamma Ilmi Namaa dhufutti magaalaawwan Israaʼel hundumaa keessa naannoftanii waliin hin geessan.
MAT 10:24 “Barataan barsiisaa isaatii ol miti; garbichis gooftaa isaatii ol miti.
MAT 10:25 Barataan tokko akka barsiisaa isaa taʼuun, garbichi tokko immoo akka gooftaa isaa taʼuun ni gaʼa. Erga abbaa manaatiin ‘Biʼeelzebuul’ jedhanii, warra mana isaa jiraataniin immoo hammam kana caalaa haa jedhan ree!
MAT 10:26 “Kanaafuu isaan hin sodaatinaa. Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii.
MAT 10:27 Waan ani dukkana keessatti isinitti himu guyyaa adiin odeessaa; waan gurratti isinitti hasaasan, bantii manaa irraa labsaa.
MAT 10:28 Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
MAT 10:29 Daaloteen lama saantima tokkotti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu.
MAT 10:30 Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera.
MAT 10:31 Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
MAT 10:32 “Kanaafuu nama fuula namootaa duratti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti dhugaa nan baʼa.
MAT 10:33 Nama fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti nan gana.
MAT 10:34 “Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe hin seʼinaa. Ani goraadee fiduuf malee nagaa buusuuf hin dhufne.
MAT 10:35 Ani, “ ‘Nama abbaa isaatti, intala immoo haadha isheetti, niitii ilmaas amaatii isheetti kaasuuf dhufeeraatii;
MAT 10:36 diinonni namaa, miseensotuma mana isaatii.’
MAT 10:37 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu; namni ilma isaa yookaan intala isaa na caalchisee jaallatu kam iyyuu naaf hin malu.
MAT 10:38 Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu.
MAT 10:39 Namni lubbuu isaa oolfatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
MAT 10:40 “Namni isin simatu na simata; namni na simatu immoo isa na erge sana simata.
MAT 10:41 Namni raajii tokko sababii inni raajii taʼeef simatu kam iyyuu gatii raajii ni argata; namni nama qajeelaa tokko sababii inni nama qajeelaa taʼeef simatu gatii nama qajeelaa tokkoo ni argata.
MAT 10:42 Ani dhuguman isinitti hima; namni kam iyyuu yoo warra xixinnaa kanneen keessaa isa tokkoof sababii inni barataa koo taʼeef bishaan qabbanaaʼaa budduuqsaa tokkoo illee kenne, inni dhugumaan gatii isaa hin dhabu.”
MAT 11:1 Yesuus erga barattoota isaa kudha lamaaniif ajaja kennuu raawwatee booddee magaalaawwan Galiilaa keessatti barsiisuu fi lallabuuf jedhee achii kaʼee karaa isaa itti fufe.
MAT 11:2 Yohannis mana hidhaa taaʼee yommuu waan Kiristoos hojjechaa ture dhagaʼetti barattoota isaa ergee,
MAT 11:3 “Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee isa gaafate.
MAT 11:4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Deebiʼaatii waan dhageessanii fi waan argitan Yohannisitti himaa;
MAT 11:5 jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.
MAT 11:6 Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”
MAT 11:7 Akkuma barattoonni Yohannis baʼanii qajeelaniin, Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?
MAT 11:8 Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatan masaraa moototaa jiru.
MAT 11:9 Yoos maal arguu baatan ree? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.
MAT 11:10 Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha. “ ‘Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu, si dura nan erga.’
MAT 11:11 Ani dhuguma isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis Cuuphaa caalu tokko iyyuu hin kaane; namni mootummaa samii keessatti nama hundumaa gad taʼe kam iyyuu garuu isa ni caala.
MAT 11:12 Mootummaan samii bara Yohannis Cuuphaatii jalqabee hamma ammaatti humnaan dhiibbachaa jira; namoonni dhiibbatanis humnaan mootummaa sana argatu.
MAT 11:13 Raajonni hundinuu, Seerris hamma Yohannis Cuuphaatti raajii dubbataniiruutii.
MAT 11:14 Isinis kana fudhachuuf yoo fedhii qabaattan, inni Eeliyaas isa dhufuuf jiruu dha.
MAT 11:15 Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu.
MAT 11:16 “Ani dhaloota kana maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa? Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii warra kaan waamanii akkana jedhanii ti:
MAT 11:17 “ ‘Nu ulullee isinii afuufne; isin garuu hin sirbine; faaruu booʼichaas faarsine; isin garuu hin boonye.’
MAT 11:18 Yohannis yeroo dhufetti hin nyaatu, hin dhugus tureetii; isaan immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jedhu.
MAT 11:19 Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isaan immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jedhu. Ogummaan garuu hojii isheetiin mirkaneeffamti.”
MAT 11:20 Ergasii Yesuus sababii magaalaawwan inni itti hojii dinqii isaa gara caalu hojjete sun qalbii hin jijjiirratiniif akkana jedhee isaan balaaleffachuu jalqabe.
MAT 11:21 “Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee, isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraas ofitti firfirsanii qalbii jijjiirratu turan.
MAT 11:22 Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata.
MAT 11:23 Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, siiʼoolitti gad buuta. Hojiin dinqii kan si keessatti hojjetame sun utuu Sodoom keessatti hojjetamee jiraatee, isheen silaa hamma harʼaatti ni jiraatti turte.
MAT 11:24 Ani garuu sittin hima; guyyaa murtiitti sirra Sodoomiif ni salphata.”
MAT 11:25 Yesuus yeroo sana akkana jedhe; “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha.
MAT 11:26 Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.
MAT 11:27 “Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilma hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaa hin beeku.
MAT 11:28 “Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.
MAT 11:29 Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu.
MAT 11:30 Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.”
MAT 12:1 Yesuus yeroo sana guyyaa Sanbataatiin lafa qotiisaa midhaanii keessa darbe. Barattoonni isaas beelaʼanii asheetii midhaanii ciratanii nyaachuu jalqaban.
MAT 12:2 Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Ilaa! Barattoonni kee waan guyyaa Sanbataatiin hojjechuun seeraan hin eeyyamamne hojjetu” jedhaniin.
MAT 12:3 Innis akkana jedhee deebise; “Yeroo Daawitii fi warri isa wajjin turan beelaʼanitti waan Daawit godhe isin hin dubbifnee?
MAT 12:4 Inni mana Waaqaa seene; innii fi warri isa wajjin turanis buddeena kennaa nyaatan; buddeenni sun immoo luboota qofaaf malee isaaniif hin eeyyamamu ture.
MAT 12:5 Yookaan akka luboonni mana qulqullummaa keessaa guyyaa Sanbataatiin Sanbata xureessan, taʼus akka yakka taʼee isaanitti hin hedamne isin Seera keessatti hin dubbifnee?
MAT 12:6 Ani isinitti nan hima; kan mana qulqullummaa caalu as jira.
MAT 12:7 Isin, utuu dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’jedhu sun maal jechuu akka taʼe beektanii jiraattanii silaa warra yakka hin qabnetti hin murtan ture.
MAT 12:8 Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataatii.”
MAT 12:9 Innis achii kaʼee mana sagadaa isaanii seene;
MAT 12:10 kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Yesuusin himatan barbaadaa waan turaniif, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?” jedhanii isa gaafatan.
MAT 12:11 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa?
MAT 12:12 Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha.”
MAT 12:13 Namichaanis, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe.
MAT 12:14 Fariisonni garuu gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesan mariʼatan.
MAT 12:15 Yesuus waan kana beekee iddoo sanaa kaʼee deeme. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis dhukkubsattoota isaanii hunda fayyise;
MAT 12:16 akka isaan akka inni beekamu hin goones isaan ajaje.
MAT 12:17 Kunis akka wanni Isaayyaas raajichi dubbate sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:
MAT 12:18 “Tajaajilaan koo inni ani filadhe, inni ani jaalladhuu fi inni ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; innis sabootatti murtii qajeelaa ni labsa.
MAT 12:19 Inni hin wacu yookaan hin iyyu; namni tokko illee sagalee isaa karaa irratti hin dhagaʼu.
MAT 12:20 Inni hamma akka murtiin qajeelaan moʼu godhutti, shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.
MAT 12:21 Saboonnis maqaa isaa ni abdatu.”
MAT 12:22 Yeroo sanatti namicha hafuura hamaan qabame, kan iji isaa jaamee arrabni isaas dubbachuu dide tokko gara isaa fidan; Yesuusis namicha sana fayyise; namichis dubbachuu fi arguu dandaʼe.
MAT 12:23 Namoonni hundinuus dinqifatanii, “Kun Ilma Daawit taʼinnaa?” jedhan.
MAT 12:24 Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Biʼeelzebuul, hangafa hafuurota hamoo qofaan hafuurota hamoo baasa” jedhan.
MAT 12:25 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu hundinuu ni diigama; magaalaan yookaan maatiin gargar of qoodu hundinuus hin dhaabatu.
MAT 12:26 Seexannis Seexana baafnaan, inni gargar of qooda. Yoos mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa ree?
MAT 12:27 Erga ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ijoolleen keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.
MAT 12:28 Garuu ani Hafuura Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.
MAT 12:29 “Yookaan namni kam iyyuu yoo duraan dursee nama jabaa tokko hidhe malee akkamitti mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Ergasii inni mana isaa saamuu dandaʼa.
MAT 12:30 “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.
MAT 12:31 Kanaafuu ani isinittin hima; cubbuu fi arrabsoon hundinuu namaaf ni dhiifama; Hafuura Qulqulluu arrabsuun garuu hin dhiifamu.
MAT 12:32 Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu kamiif iyyuu ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu, addunyaa kana irratti yookaan addunyaa dhufuuf jiru irratti hin dhiifamu.
MAT 12:33 “Muka gaarii qabaadhaa; iji isaa gaarii taʼaa; muka gadhee qabaadhaa; iji isaa gadhee taʼaa; mukni ija isaatiin beekamaatii.
MAT 12:34 Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii.
MAT 12:35 Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessa jiru keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessa jiru keessaa waan hamaa baasa.
MAT 12:36 Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.
MAT 12:37 Dubbii keetiin qajeelaa taasifamtaatii; dubbii keetiinis sitti murama.”
MAT 12:38 Ergasii barsiistonni seeraatii fi Fariisonni tokko tokko, “Yaa barsiisaa, nu mallattoo sirraa arguu barbaanna” jedhaniin.
MAT 12:39 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe; “Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada! Garuu mallattoo Yoonaas raajichaa sana malee mallattoon tokko iyyuu hin kennamuuf.
MAT 12:40 Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii guddaa tokkoo keessa ture sana, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa ni turaatii.
MAT 12:41 Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru;isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo, kan Yoonaasin caalu as jira.
MAT 12:42 Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaatee itti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii; kunoo, kan Solomoonin caalu as jira.
MAT 12:43 “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu.
MAT 12:44 Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha. Yommuu achi gaʼuttis manicha duwwaa taʼee, haramee qulqulleeffamee, qopheeffames argata.
MAT 12:45 Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata. Dhaloonni hamaan kunis akkasuma taʼa.”
MAT 12:46 Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan.
MAT 12:47 Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu” jedhee isatti hime.
MAT 12:48 Innis deebiseefii, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?” jedheen.
MAT 12:49 Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti.
MAT 12:50 Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
MAT 13:1 Guyyuma sana Yesuus manaa baʼee galaana bira taaʼe.
MAT 13:2 Tuunni namootaa guddaan naannoo isaatti walitti qabame; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa dhadhaabachaa jiranuu, inni bidiruu yaabbatee taaʼe.
MAT 13:3 Innis akkana jedhee waan baayʼee fakkeenyaan isaanitti hime; “Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.
MAT 13:4 Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.
MAT 13:5 Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.
MAT 13:6 Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.
MAT 13:7 Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe.
MAT 13:8 Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼee achitti ija naqate; garri tokko dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaan immoo dachaa soddoma naqate.
MAT 13:9 Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”
MAT 13:10 Barattoonnis gara isaa dhufanii, “Ati maaliif fakkeenyaan namootatti dubbatta?” jedhanii isa gaafatan.
MAT 13:11 Innis akkana jedhee deebiseef; “Icciitii mootummaa samii beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne.
MAT 13:12 Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaata. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.
MAT 13:13 Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana: “Isaan utuma ilaalanuu hin argan; utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan.
MAT 13:14 Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha: “ ‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.
MAT 13:15 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru. Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’
MAT 13:16 Iji keessan garuu waan arguuf eebbifamaa dha; gurri keessanis waan dhagaʼuuf eebbifamaa dha.
MAT 13:17 Ani dhuguma isinittin himaatii; raajonnii fi qajeeltonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu hawwan; garuu hin argine; waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu hawwan; garuu hin dhageenye.
MAT 13:18 “Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maal akka taʼe dhagaʼaa:
MAT 13:19 Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha.
MAT 13:20 Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha.
MAT 13:21 Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata.
MAT 13:22 Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa.
MAT 13:23 Sanyiin biyyoo gaarii irratti facaafame garuu nama dubbicha dhagaʼee hubatu argisiisa. Innis ija kenna; garri tokko dhibba, kaan jaatama, kaan immoo soddoma naqata.”
MAT 13:24 Yesuus akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata.
MAT 13:25 Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme.
MAT 13:26 Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.
MAT 13:27 “Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin.
MAT 13:28 “Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe. “Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.
MAT 13:29 “Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; ‘Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa.
MAT 13:30 Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, “Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa” jedhee isaanitti nan hima.’ ”
MAT 13:31 Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata.
MAT 13:32 Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu.”
MAT 13:33 Amma illee akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; “Mootummaan samii raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
MAT 13:34 Yesuus waan kana hundumaa fakkeenyaan namootatti dubbate; innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne.
MAT 13:35 Kunis akka wanni raajichi, “Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan gaafa addunyaan uumamee jalqabee dhokfames nan dubbadha” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
MAT 13:36 Yesuusis tuuta namootaa achumatti dhiisee mana ol seene. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Hiikkaa fakkeenya inkirdaada lafa qotiisaa keessaa sana nutti himi” jedhaniin.
MAT 13:37 Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti.
MAT 13:38 Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti;
MAT 13:39 diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti.
MAT 13:40 “Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa.
MAT 13:41 Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu.
MAT 13:42 Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.
MAT 13:43 Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.
MAT 13:44 “Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.
MAT 13:45 “Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata.
MAT 13:46 Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.
MAT 13:47 “Akkasumas mootummaan samii kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata.
MAT 13:48 Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan.
MAT 13:49 Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu;
MAT 13:50 boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa.”
MAT 13:51 Yesuusis, “Waan kana hunda hubattaniirtuu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee” jedhanii deebisan.
MAT 13:52 Innis, “Kanaafuu barsiisaan seeraa kan barataa mootummaa samii taʼe kam iyyuu abbaa manaa kan qabeenya haaraa fi moofaa mana miʼa isaa keessaa gad baasu tokko fakkaata” jedheen.
MAT 13:53 Yesuus erga fakkeenya kana dubbatee raawwatee booddee achii kaʼee deeme.
MAT 13:54 Innis gara magaalaa itti dhalatee dhaqee mana sagadaa isaanii keessatti namoota barsiisuu jalqabe; isaanis ni dinqisiifatan. Akkana jedhaniis gaafatan; “Namichi kun ogummaa kanaa fi hojiiwwan dinqii kanneen eessaa argate?
MAT 13:55 Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Maariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoosef, Simoonii fi Yihuudaa mitii?
MAT 13:56 Obboleettonni isaa hundinuu nu bira jiru mitii? Yoos namichi kun waan kana hundumaa eessaa argate?”
MAT 13:57 Isaanis isatti gufatan. Yesuus garuu, “Raajiin magaalaa itti dhalatee fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.
MAT 13:58 Innis sababii amantii dhabuu isaaniitiif hojii dinqii hedduu achitti hin hojjenne.
MAT 14:1 Bara sana Heroodis bulchaan oduu waaʼee Yesuus dhagaʼe;
MAT 14:2 innis tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohannis Cuuphaa dha; inni warra duʼan keessaa kaafameera! Sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhe.
MAT 14:3 Heroodis sababii niitii obboleessa isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaasiitiif jedhee Yohannisin qabee, hidhee mana hidhaatti galchee tureetii.
MAT 14:4 Kunis sababii Yohannis Heroodisiin, “Ati ishee fuudhuun kee seera miti” jechaa tureef.
MAT 14:5 Inni immoo Yohannisin ajjeesuu barbaade; garuu sababii namoonni Yohannisin akka raajiitti ilaalaa turaniif isaan sodaate.
MAT 14:6 Intalli Heroodiyaas guyyaa dhaloota Heroodisitti keessummoota duratti sirbitee Heroodisin gammachiifte;
MAT 14:7 kanaafuu inni waan isheen gaafatte kam iyyuu isheef kennuuf kakuudhaan waadaa gale.
MAT 14:8 Isheenis haadha isheetiin gorfamtee, “Mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra kaaʼii naa kenni” jette.
MAT 14:9 Mootichis ni gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee akka wanni isheen barbaadde sun isheef kennamu ajaje;
MAT 14:10 innis nama ergee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute.
MAT 14:11 Mataan isaas gabatee irra kaaʼamee fidamee intalattiitti kenname; isheenis haadha isheetti geessite.
MAT 14:12 Barattoonni Yohannisis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan. Isaanis dhaqanii Yesuusitti himan.
MAT 14:13 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan.
MAT 14:14 Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef.
MAT 14:15 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin.
MAT 14:16 Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise.
MAT 14:17 Isaanis, “Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna” jedhanii deebisan.
MAT 14:18 Yesuusis, “Isuma natti fidaa” jedhe.
MAT 14:19 Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan.
MAT 14:20 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
MAT 14:21 Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.
MAT 14:22 Yesuus yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise.
MAT 14:23 Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture;
MAT 14:24 yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte.
MAT 14:25 Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe.
MAT 14:26 Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, “Kun ekeraa dha” jedhanii iyyan.
MAT 14:27 Yesuus garuu yommusuma, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee isaanitti dubbate.
MAT 14:28 Phexros immoo, “Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji” jedhee deebiseef.
MAT 14:29 Yesuusis, “Kottu” jedheen. Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuus dhufe.
MAT 14:30 Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, “Yaa Gooftaa na oolchi!” jedhee iyye.
MAT 14:31 Yesuus yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, “Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?” jedheen.
MAT 14:32 Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe.
MAT 14:33 Warri bidiruu sana keessa turanis, “Ati dhuguma Ilma Waaqaa ti!” jedhanii isaaf sagadan.
MAT 14:34 Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan.
MAT 14:35 Namoonni iddoo sanaas yommuu Yesuusin beekanitti biyya naannoo sanaa hundatti dhaamsa ergan. Namoonnis dhukkubsattoota isaanii hunda isatti fidan;
MAT 14:36 akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaara wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.
MAT 15:1 Ergasii Fariisonnii fi barsiistonni seeraa tokko tokko Yerusaalemii gara Yesuus dhufanii,
MAT 15:2 “Barattoonni kee maaliif duudhaa maanguddootaa cabsu? Isaan yommuu buddeena nyaatanitti harka hin dhiqataniitii!” jedhan.
MAT 15:3 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu?
MAT 15:4 Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni;namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’jedheeraatii.
MAT 15:5 Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate,
MAT 15:6 inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu.
MAT 15:7 Yaa fakkeessitoota! Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; innis akkana jedhe:
MAT 15:8 “ ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
MAT 15:9 Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’”
MAT 15:10 Yesuusis tuuta sana ofitti waamee akkana jedheen; “Dhagaʼaa; hubadhaas.
MAT 15:11 Waan afaan namaa keessaa baʼutu nama xureessa malee wanni afaan namaa seenu nama hin xureessu.”
MAT 15:12 Ergasii barattoonni gara isaa dhufanii, “Ati akka Fariisonni dubbii kana dhagaʼanii mufatan beektaa?” jedhanii gaafatan.
MAT 15:13 Innis deebisee akkana jedhe; “Biqiltuun abbaan koo inni samii irraa hin dhaabin hundinuu ni buqqifama.
MAT 15:14 Isaan dhiisaa; isaan qajeelchitoota jaamota. Jaamaan yoo jaamaa qajeelche, isaan lachuu boolla keessa buʼu.”
MAT 15:15 Phexrosis, “Mee hiikkaa fakkeenya kanaa nuu ibsi” jedheen.
MAT 15:16 Yesuus immoo akkana jedhee isaan gaafate; “Isinis hamma ammaatti hin hubattanii?
MAT 15:17 Akka wanni afaan seenu kam iyyuu garaa seenee achumaan darbee dhagna keessaa baʼu hin argitanii?
MAT 15:18 Wanni afaan namaatii baʼu garuu nama keessaa baʼa; namichas ni xureessa.
MAT 15:19 Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.
MAT 15:20 Wantoota kanneentu nama ‘xureessa’ malee utuu harka hin dhiqatin nyaachuun nama hin xureessu.”
MAT 15:21 Yesuusis iddoo sanaa kaʼee gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaatti qajeele.
MAT 15:22 Kunoo, dubartiin Kanaʼaan tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!” jette.
MAT 15:23 Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Kunoo isheen iyyaa nu faana deemtiitii achi deebisi” jedhanii isa kadhatan.
MAT 15:24 Inni immoo, “Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame” jedhee deebise.
MAT 15:25 Dubartiin sunis dhuftee sagaddeefii, “Yaa Gooftaa na gargaari!” jette.
MAT 15:26 Innis, “Buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedhee deebise.
MAT 15:27 Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu hambaa maaddii gooftota isaanii irraa harcaʼu nyaatu” jettee deebifteef.
MAT 15:28 Yesuusis, “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha! Akkuma fedhii keetii siif haa taʼu” jedhee deebise. Intalli ishees saʼaatiidhuma sana fayyite.
MAT 15:29 Yesuus achii kaʼee gara Galaana Galiilaa dhaqe. Gaarattis ol baʼee taaʼe.
MAT 15:30 Namoonni hedduunis warra okkolan, warra jaaman, warra naafatan, warra arrabni isaanii dubbachuu didee fi kanneen biraa hedduu fidanii miilla Yesuus jala kaaʼan; innis isaan fayyise.
MAT 15:31 Namoonni sunis yommuu akka warri arrabni hin dubbanne dubbatan, warri naafatan fayyan, warri okkolan deeman, warra jaamaniif immoo akka iji isaanii baname arganitti ni dinqifatan. Waaqa Israaʼeliifis ulfina kennan.
MAT 15:32 Yesuus barattoota isaa ofitti waamee, “Ani namoota kanneeniif garaa nan laafa; isaan guyyaa sadii na bira turan; waan nyaatan tokko illee hin qaban. Akka isaan karaa irratti hin gaggabneefis ani agabuu isaanii gad isaan dhiisuu hin barbaadu” jedhe.
MAT 15:33 Barattoonni isaas deebisanii, “Buddeena tuuta guddaa akkanaa gaʼu gammoojjii kana keessatti eessaa argachuu dandeenya?” jedhan.
MAT 15:34 Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate. Isaanis deebisanii, “Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna” jedhan.
MAT 15:35 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime.
MAT 15:36 Ergasii buddeena torbanii fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee barattootatti kenne; isaanis namootaaf kennan.
MAT 15:37 Isaan hundi nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban.
MAT 15:38 Baayʼinni warra nyaataniis ijoollee fi dubartoota malee dhiira kuma afur ture.
MAT 15:39 Yesuus erga tuuta sana of irraa geggeessee booddee bidiruu yaabbatee naannoo Magadaan dhaqe.
MAT 16:1 Fariisonnii fi Saduuqonni gara Yesuus dhufanii akka inni samii irraa mallattoo isaan argisiisu gaafachuudhaan isa qoran.
MAT 16:2 Innis akkana jedhee deebise; “Isin yeroo galgalaaʼutti, ‘Samiin diimateera; caama taʼa’ jettu;
MAT 16:3 ganama immoo, ‘Samiin diimatee duumessaaʼeeraatii harʼa bokkaan jabaan ni rooba’ jettu. Isin bifa samii addaan baasuu ni beektu; garuu mallattoo baraa addaan baasuu hin dandeessan.
MAT 16:4 Dhaloonni hamaa fi ejjaan mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon hin kennamuuf.” Yesuusis isaan dhiisee deeme.
MAT 16:5 Barattoonni yommuu galaanicha ceʼanitti buddeena fudhachuu irraanfatan.
MAT 16:6 Yesuusis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa” isaaniin jedhe.
MAT 16:7 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin fidatiniif” jedhanii waan kana walii wajjin haasaʼan.
MAT 16:8 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee gaafate; “Yaa warra amantii xinnoo nana, isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii walii wajjin dudubbattu?
MAT 16:9 Isin amma iyyuu hin hubattanii? Buddeenni shan nama kuma shaniif dhiʼeeffamee gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?
MAT 16:10 Yookaan buddeenni torba nama kuma afuriif dhiʼeeffamee hambaa gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?
MAT 16:11 Akka ani waaʼee buddeenaa isinitti dubbachaa hin turin isin akkamitti hin hubanne? Garuu raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa.”
MAT 16:12 Isaanis ergasii akka inni akka isaan raacitii buddeenaa irraa of eeggataniif utuu hin taʼin akka barsiisa Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggataniif isaanitti himaa ture hubatan.
MAT 16:13 Yesuus yeroo gara biyya Fiiliphoos Qiisaariyaa dhufetti, “Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?” jedhee barattoota isaa gaafate.
MAT 16:14 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo inni Ermiyaas yookaan raajota keessaa isa tokko dha jedhu” jedhanii deebisan.
MAT 16:15 Innis, “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate.
MAT 16:16 Simoon Phexrosis, “Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti” jedhee deebise.
MAT 16:17 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati eebbifamaa dha; kana abbaa koo isa samii irraatu siif ibse malee nama miti.
MAT 16:18 Ani sittin hima; ati Phexrosii dha; kattaa kana irratti waldaa kiristaanaa koo nan ijaara; karri gahaannamis ishee hin moʼatu.
MAT 16:19 Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.”
MAT 16:20 Ergasiis akka isaan akka inni Kiristoos taʼe nama tokkotti illee hin himneef barattoota isaa akeekkachiise.
MAT 16:21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee akka Yerusaalem dhaqee harka maanguddootaatti, harka luboota hangafootaattii fi harka barsiistota seeraatti waan hedduun dhiphachuu qabu, akka ajjeefamuu qabuu fi akka guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaafamu barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
MAT 16:22 Phexrosis kophaatti baasee, “Yaa Gooftaa, kun gonkumaa hin taʼin! Kun sirraa haa fagaatu!” jedhee isa ifachuu jalqabe.
MAT 16:23 Yesuus garuu of irra garagalee Phexrosiin, “Yaa Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati gufuu natti taateerta; ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhe.
MAT 16:24 Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
MAT 16:25 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.
MAT 16:26 Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
MAT 16:27 Ilmi Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.
MAT 16:28 “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma utuu Ilmi Namaa mootummaa isaatiin dhufuu arganitti duʼa hin dhandhaman.”
MAT 17:1 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob fudhatee kophaa isaanii tulluu dheeraa tokkotti ol baase.
MAT 17:2 Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate.
MAT 17:3 Kunoo Musee fi Eeliyaas utuu Yesuus wajjin haasaʼanuu isaanitti mulʼatan.
MAT 17:4 Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Yoo fedhii kee taʼe, ani daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif asitti nan ijaara” jedhe.
MAT 17:5 Utuma inni dubbachaa jiruu kunoo, duumessi ifaan tokko isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhe.
MAT 17:6 Barattoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee sodaatanii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
MAT 17:7 Yesuus garuu itti dhiʼaatee isaan tuqee, “Kaʼaa! Hin sodaatinaa” jedheen.
MAT 17:8 Isaanis yommuu ol jedhanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee hin argine.
MAT 17:9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus, “Hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaafamutti waan argitan sana nama tokkotti illee hin himinaa” jedhee isaan seerrate.
MAT 17:10 Barattoonnis, “Yoos barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu ree?” jedhanii isa gaafatan.
MAT 17:11 Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan, Eeliyaas waan hunda iddootti deebisuuf jedhee duraan dursee ni dhufa.
MAT 17:12 Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas amma iyyuu dhufeera; isaanis isa hin hubanne; garuu waanuma fedhan hunda isatti hojjetan. Ilmi Namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira.”
MAT 17:13 Barattoonnis ergasii akka wanni inni isaanitti dubbachaa ture sun waaʼee Yohannis Cuuphaa taʼe hubatan.
MAT 17:14 Yommuu isaan gara tuuta sanaa dhufanittis namichi tokko Yesuusitti dhiʼaatee fuula isaa duratti jilbeenfate;
MAT 17:15 akkanas jedhe; “Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa.
MAT 17:16 Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.”
MAT 17:17 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!” jedhe.
MAT 17:18 Yesuusis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye.
MAT 17:19 Ergasiis barattoonni kophaa isaanii gara Yesuus dhufanii, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii isa gaafatan.
MAT 17:20 Innis akkana jedhee deebise; “Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [
MAT 17:21 Hafuurri hamaan akkanaa garuu soomaa fi kadhannaadhaan malee hin baʼu.”]
MAT 17:22 Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.
MAT 17:23 Isaanis isa ni ajjeesu; inni immoo guyyaa sadaffaatti ni kaafama.” Barattoonnis akka malee gaddan.
MAT 17:24 Yommuu Yesuusii fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?” jedhanii gaafatan.
MAT 17:25 Innis deebisee, “Ni kaffala” jedheen. Yesuus yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, “Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?” jedhee gaafate.
MAT 17:26 Phexrosis deebisee, “Keessummoota irraa walitti qabu” jedhe. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Yoos ijoolleen isaanii bilisa.
MAT 17:27 Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni.”
MAT 18:1 Yeruma sana barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Yoos mootummaa samii keessatti kan hundumaa caalu eenyu?” jedhanii gaafatan.
MAT 18:2 Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe.
MAT 18:3 Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan.
MAT 18:4 Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala.
MAT 18:5 Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.
MAT 18:6 “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture.
MAT 18:7 Sababii wantoota akka namoonni gufatan godhan sanaatiif addunyaaf wayyoo! Wantoonni akkanaa dhufuu qabu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufan sanaaf wayyoo!
MAT 18:8 Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya.
MAT 18:9 Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya.
MAT 18:10 “Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii. [
MAT 18:11 Ilmi Namaa isa bade oolchuudhaaf dhufeetii.]
MAT 18:12 “Isin maal seetu? Namni tokko yoo hoolota dhibba qabaatee hoolota sana keessaas tokko bade, namichi sun sagaltamii sagallan hafan kaan tulluuwwan irratti dhiisee tokkicha bade sana barbaaduu hin dhaquu?
MAT 18:13 Ani dhuguman isinitti hima; inni yoo hoolaa sana argate, hoolota sagaltamii sagallan hin badin irra hoolaa tokkicha sanatti caalaa ni gammada.
MAT 18:14 Akkasuma immoo isaan xixinnoo kanneen keessaa tokko iyyuu akka badu fedhii Abbaa keessan isa samii irraa miti.
MAT 18:15 “Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta.
MAT 18:16 Yoo si dhagaʼuu baate garuu ‘dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuuf’ nama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi.
MAT 18:17 Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.
MAT 18:18 “Ani dhuguman isinitti hima; wanni isin lafa irratti hiitan kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni isin lafa irratti hiiktan kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.
MAT 18:19 “Ammas ani isinitti nan hima; isin keessaa yoo namoonni lama lafa irratti waaʼee waan kadhatan kamii iyyuu walii galan Abbaan koo inni samii irraa isaaniif taasisa.
MAT 18:20 Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii.”
MAT 18:21 Ergasii Phexros gara Yesuus dhufee, “Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?” jedhee gaafate.
MAT 18:22 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.
MAT 18:23 “Kanaafuu mootummaan samii mootii herrega garboota isaa harka jiru toʼachuu barbaade tokko fakkaata.
MAT 18:24 Akkuma inni herrega isaa toʼachuu jalqabeenis nama mootichi taalaantii kuma kudhan irraa qabu tokko itti fidan.
MAT 18:25 Namichi sun waan baasu dhabnaan gooftaan isaa akka inni, niitiin isaa, ijoolleen isaatii fi wanni inni qabu hundinuu gurguramanii gatiin sun kaffalamu ajaje.
MAT 18:26 “Garbichi sunis miilla isaatti kufee, ‘Yaa gooftaa, naaf obsi; hunduma isaa iyyuu siif nan kaffalaa’ jedhee isa kadhate.
MAT 18:27 Gooftaan garbicha sanaas garaa laafeef; gatii isa irraa qabus dhiiseefii gad isa lakkise.
MAT 18:28 “Garbichi sun garuu akkuma achii baʼeen garbicha akka isaa kan gatii diinaariidhibbaa irraa qabu tokko arge. Innis morma namichaa hudhee qabee, ‘Waan ani sirraa qabu naa kaffali’ jedheen.
MAT 18:29 “Garbichi akka isaa sunis miilla isaatti kufee, ‘Naaf obsi; waan narra jiru siif nan kaffalaa’ jedhee isa kadhate.
MAT 18:30 “Inni garuu ni dide; qooda kanaa hamma inni gatii isaa kaffalutti mana hidhaatti isa galchisiise.
MAT 18:31 Garboonni kaan yommuu waan taʼe sana arganitti akka malee gaddan; dhaqaniis waan taʼe hundumaa gooftaa isaaniitti himan.
MAT 18:32 “Gooftichis garbicha sana ofitti waamee akkana jedheen; ‘Yaa garbicha hamaa! Ani sababii ati na kadhatteef gatii sirra ture hunda siif dhiise.
MAT 18:33 Akkuma ani garaa siif laafe sana atis garbicha akka keetiitiif garaa laafuu hin qabduu?’
MAT 18:34 Gooftaan isaas aariidhaan hamma inni gatii sana hunda kaffalutti warra isa dhiphisanitti dabarsee isa kenne.
MAT 18:35 “Isinis yoo garaa keessan guutuudhaan obboleessa keessaniif dhiisuu baattan Abbaan koo inni samii irraa tokkoo tokkoo keessan akkanuma godha.”
MAT 19:1 Yesuus erga dubbii kana dubbatee fixatee booddee, Galiilaadhaa kaʼee gama Yordaanos gara biyya Yihuudaa dhaqe.
MAT 19:2 Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis achitti isaan fayyise.
MAT 19:3 Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, “Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafatan.
MAT 19:4 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’hin dubbifnee?
MAT 19:5 Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’
MAT 19:6 Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”
MAT 19:7 Isaanis, “Yoos Museen maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?” jedhanii isa gaafatan.
MAT 19:8 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre.
MAT 19:9 Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”
MAT 19:10 Barattoonni isaas, “Haalli dhirsaa fi niitii akkana taanaan fuudhuu dhiisuu wayya” jedhaniin.
MAT 19:11 Yesuusis akkana jedheen; “Waan kana warra isaaniif kenname qofa malee namni hundi fudhachuu hin dandaʼu.
MAT 19:12 Warri xuʼaashii taʼanii gadameessa haadha isaaniitii dhalatan jiruutii; warri harka namaatiin xuʼaashii taʼanis jiru; kanneen mootummaa samiitiif jedhanii xuʼaashii of taasisanis jiru; namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu.”
MAT 19:13 Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee isaaniif kadhatuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan.
MAT 19:14 Yesuusis, “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii” jedhe.
MAT 19:15 Innis erga harka isaa isaan irra kaaʼee booddee achii deeme.
MAT 19:16 Kunoo namichi tokko gara Yesuus dhufee, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?” jedhee gaafate.
MAT 19:17 Yesuus immoo, “Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi” jedhee deebise.
MAT 19:18 Namichis, “Ajajawwan kami?” jedhee gaafate. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “ ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin;
MAT 19:19 abbaa keetii fi haadha kee kabaji;ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’”
MAT 19:20 Dargaggeessi sunis, “Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?” jedheen.
MAT 19:21 Yesuusis, “Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedhee deebiseef.
MAT 19:22 Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii.
MAT 19:23 Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha.
MAT 19:24 Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
MAT 19:25 Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
MAT 19:26 Yesuusis isaan ilaalee, “Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama” jedhe.
MAT 19:27 Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?” jedhee deebise.
MAT 19:28 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu.
MAT 19:29 Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.
MAT 19:30 Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa ni taʼu; warri dhumaa hedduun immoo warra jalqabaa ni taʼu.
MAT 20:1 “Mootummaan samiis abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii isaatti hojjettoota qacarachuuf jedhee barii obboroo manaa baʼe tokko fakkaata.
MAT 20:2 Innis guyyaatti diinaariitokko tokko isaanii kaffaluuf hojjettoota sanaan walii galee gara iddoo dhaabaa wayinii isaatti isaan erge.
MAT 20:3 “Namichi sunis gara saʼaatii sadiitti gad baʼee namoota hojii malee iddoo gabaa dhadhaabatan kanneen biraa arge.
MAT 20:4 ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa; anis waan isiniif malu isiniifin kaffalaa’ jedheen.
MAT 20:5 Isaanis ni dhaqan. “Ammas gara saʼaatii jaʼaa fi gara saʼaatii sagaliitti gad baʼee akkasuma godhe.
MAT 20:6 Naannoo saʼaatii kudha tokkoottis gad baʼee namoota hojii malee dhadhaabatan biraa argee, ‘Isin maaliif guyyaa guutuu hojii malee as dhadhaabattu?’ jedhee isaan gaafate.
MAT 20:7 “Isaanis, ‘Sababii namni tokko illee nu hin qacaratiniif’ jedhanii deebisan. “Inni immoo, ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa’ jedheen.
MAT 20:8 “Yommuu galgalaaʼetti abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa hoogganaa hojii isaatiin, ‘Hojjettoota waami; warra gara dhumaatti qacaramanii jalqabii hamma warra dura qacaramaniitti mindaa isaanii kaffaliif’ jedheen.
MAT 20:9 “Warri gara saʼaatii kudha tokkootti qacaraman sunis dhufanii tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.
MAT 20:10 Warri jalqabatti qacaraman yommuu dhufanitti waan warra kaan caalaa argatan seʼan. Garuu tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.
MAT 20:11 Isaan yommuu diinaarii sana fudhatanitti abbaa lafaa sanatti guunguman.
MAT 20:12 Isaanis, ‘Warri gara dhumaatti qacaraman kunneen saʼaatii tokko qofa hojjetan; ati garuu nu warra dadhabbii hojichaatii fi hoʼa guyyaa obsine isaaniin wal qixxeessite’ jedhaniin.
MAT 20:13 “Inni garuu hojjettoota sana keessaa isa tokkoon, ‘Yaa michuu ko, ani waan tokkoon illee si hin miine. Ati diinaarii tokkoon naan walii hin gallee?
MAT 20:14 Qooda kee fudhadhuu deemi; ani namicha isa gara dhumaa kanaafis hammuma siif kenne sana kennuufii nan barbaada.
MAT 20:15 Ani qarshii kootiin waan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Yookaan sababii ani arjaa taʼeef hinaaftaa?’ jedhe.
MAT 20:16 “Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu.”
MAT 20:17 Yesuus utuu Yerusaalemitti ol baʼaa jiruu barattoota kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen:
MAT 20:18 “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru;
MAT 20:19 akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!”
MAT 20:20 Ergasiis haati ilmaan Zabdewoos ilmaan ishee wajjin gara Yesuus dhuftee jilbeenfattee waa isa kadhatte.
MAT 20:21 Yesuusis, “Ati maal barbaadda?” jedheen. Isheenis, “Akka ilmaan koo kunneen lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko mirga keetiin, inni kaan immoo bitaa keetiin taaʼu naa godhi” jetteen.
MAT 20:22 Yesuus immoo, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhuguuf jiru dhuguu ni dandeessuu?” jedheen. Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan.
MAT 20:23 Yesuusis, “Dhugumaan xoofoo koo irraa illee ni dhugdu; garuu mirga kootii fi bitaa kootiin taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra Abbaan koo isaaniif qopheesse sanaa ti” jedheen.
MAT 20:24 Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti obboloota lamaanitti aaran.
MAT 20:25 Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka bulchitoonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.
MAT 20:26 Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;
MAT 20:27 namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba;
MAT 20:28 Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
MAT 20:29 Utuu Yesuusii fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe.
MAT 20:30 Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Yesuus achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhan.
MAT 20:31 Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.
MAT 20:32 Yesuusis dhaabatee isaan waamee, “Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
MAT 20:33 Isaan immoo, “Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna” jedhanii deebisan.
MAT 20:34 Yesuusis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan.
MAT 21:1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii Beetfaagee ishee Gaara Ejersaa irraa sana gaʼaniin Yesuus barattoota lama erge;
MAT 21:2 akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; yommusuma harree hidhamte tokko ilmoo ishee wajjin ni argattu. Lachan isaanii hiikaatii naa fidaa.
MAT 21:3 Yoo namni tokko iyyuu waan tokko isiniin jedhe, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa; innis yommusuma erga.”
MAT 21:4 Kunis akka wanni karaa raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:
MAT 21:5 “Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa; ‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee, harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’ ”
MAT 21:6 Barattoonnis dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan.
MAT 21:7 Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis isaan irra taaʼe.
MAT 21:8 Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan.
MAT 21:9 Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii, “Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” jedhan.
MAT 21:10 Yommuu Yesuus Yerusaalem seenetti, magaalaan sun guutummaatti raafamtee, “Kun eenyu?” jette.
MAT 21:11 Tuunni sun immoo, “Kun Yesuus, raajicha Naazreeti Galiilaati” jedhee deebise.
MAT 21:12 Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche.
MAT 21:13 Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu” isaaniin jedhe.
MAT 21:14 Jaamonnii fi warri naafatan mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise.
MAT 21:15 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Hoosaaʼinaa ilma Daawitiif” jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.
MAT 21:16 Isaanis, “Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo, “Eeyyee;” isin waan, “ ‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, galata qopheessiteerta’ jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?” jedhee deebise.
MAT 21:17 Innis isaan biraa deemee magaalaa sanaa baʼe; Biitaaniyaa dhaqee achi bule.
MAT 21:18 Yesuus ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe.
MAT 21:19 Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, “Iji bara baraan sirratti hin argamin!” jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge.
MAT 21:20 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, “Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?” jedhanii gaafatan.
MAT 21:21 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa.
MAT 21:22 Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu.”
MAT 21:23 Utuu Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisaa jiruu luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa gara isaa dhufanii, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Eenyutu taayitaa kana siif kenne?” jedhanii gaafatan.
MAT 21:24 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.
MAT 21:25 Cuuphaan Yohannis eessaa dhufe? Samii irraa moo nama biraa dhufe?” Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne, inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ nuun jedha.
MAT 21:26 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoota sodaanna; isaan hundinuu Yohannisin akka raajiitti ilaaluutii.”
MAT 21:27 Kanaaf isaan, “Hin beeknu!” jedhanii Yesuusiif deebisan. Inni immoo akkana jedhe; “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu.”
MAT 21:28 “Maal seetu? Nama ilmaan lama qabu tokkotu ture; innis gara ilma isaa hangafaa dhaqee, ‘Yaa ilma ko, harʼa dhaqiitii iddoo dhaabaa wayinii keessa hojjedhu’ jedheen.
MAT 21:29 “Ilmi sunis deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; ergasii garuu gaabbee dhaqe.
MAT 21:30 “Namichis gara ilma isaa isa kaanii dhaqee akkasuma jedheen. Ilmi isaa sunis, ‘Yaa gooftaa nan dhaqa’ jedhee deebiseef; garuu hin dhaqne.
MAT 21:31 “Ilmaan lamaan keessaa isa kamtu fedhii abbaa isaa guute?” Isaanis, “Isa jalqabaa ti” jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni isin dura mootummaa Waaqaatti ni galu.
MAT 21:32 Yohannis karaa qajeelummaa isinitti argisiisuu dhufeetii; isin immoo isa hin amanne. Qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni garuu isa amanan; isin erguma waan kana argitan illee qalbii jijjiirrattanii isatti hin amanne.
MAT 21:33 “Fakkeenya biraa tokko dhagaʼaa; abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate tokkotu ture. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, achi keessatti boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis lafa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.
MAT 21:34 Innis yeroon itti midhaan walitti qaban geenyaan akka isaan ija isaa fidaniifiif garboota isaa qottuuwwan sanatti ergate.
MAT 21:35 “Qottuuwwan sunis garboota namichaa qabanii, isa tokko ni dhaanan; isa kaan ni ajjeesan; isa sadaffaa immoo dhagaan tuman.
MAT 21:36 Ammas garboota warra duraa caalaa baayʼatan biraa ergate; qonnaan bultoonni sunis akkuma sana isaan godhan.
MAT 21:37 Dhuma irrattis inni, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa isaanitti ergate.
MAT 21:38 “Qottoonni sun garuu yommuu ilma sana arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnee dhaala isaa fudhannaa!’ waliin jedhan.
MAT 21:39 Kanaafuu isaan fuudhanii iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.
MAT 21:40 “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa yommuu dhufutti qottuuwwan sana maal godhinna laata?”
MAT 21:41 Isaanis, “Inni namoota hamoo sana haala hamaadhaan ni balleessa; iddoo dhaabaa wayinii sanas qottuuwwan yeroo midhaan walitti qabamutti qooda midhaan isaa kennaniif kanneen biraatti dabarsee ni kenna” jedhanii deebisan.
MAT 21:42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin dubbii Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti, “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera; kanas Gooftaatu godhe; kun immoo ija keenyatti dinqii dha’jedhu sana gonkumaa hin dubbifnee?
MAT 21:43 “Kanaafuu ani isinittin hima; mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamee saba ija isaa godhatutti ni kennama.
MAT 21:44 Namni dhagaa kana irratti kufu kam iyyuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
MAT 21:45 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yommuu fakkeenyawwan Yesuus dhagaʼanitti akka inni waaʼee isaanii dubbate beekan.
MAT 21:46 Isaanis isa qabuu barbaadan; garuu sababii namoonni Yesuusin akka raajiitti ilaalaa turaniif namoota sana sodaatan.
MAT 22:1 Yesuus ammas akkana jedhee fakkeenyaan deebii kenneef:
MAT 22:2 “Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata.
MAT 22:3 Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne.
MAT 22:4 “Ammas akkana jedhee garboota biraa erge; ‘Kunoo ani irbaata koo qopheesseera: Sangoonni koo, horiin koo coccoomoonis qalamanii wanni hundinuu qopheeffameera. Gara cidha fuudhaa fi heerumaa kottaa jedhaatii warra affeeraman sanatti himaa.’
MAT 22:5 “Isaan garuu tuffatanii, inni tokko gara lafa qotiisaa isaa, kaan immoo gara daldala isaa dhaqe.
MAT 22:6 Warri hafan immoo garboota isaa qabanii salphisan; ni ajjeesanis.
MAT 22:7 Mootichis ni aare. Loltoota isaas ergee warra garboota isaa ajjeesan sana balleesse; magaalaa isaaniis ni gube.
MAT 22:8 “Ergasii inni garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dhangaan cidha fuudhaa qopheeffameera; warri affeeraman garuu cidha kanaaf hin malle.
MAT 22:9 Kanaafuu gara qaxxaamura karaatti baʼaatii nama argitan hunda gara cidhaatti affeeraa.’
MAT 22:10 Garboonni sunis karaatti baʼanii nama argan hunda, hamaas gaariis walitti qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan guutame.
MAT 22:11 “Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge.
MAT 22:12 Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe.
MAT 22:13 “Mootichis tajaajiltoota isaatiin, ‘Namicha kana harkaa fi miilla hidhaatii dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa’ jedhe.
MAT 22:14 “Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa.”
MAT 22:15 Ergasiis Fariisonni waanuma inni dubbatuun isa qabuuf gad baʼanii Yesuusitti mariʼatan.
MAT 22:16 Isaanis barattoota isaanii garee Heroodis wajjin isatti ergan. Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate, akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiiftu beekna. Ati nama wal hin caalchiftu; fuula namaas hin ilaaltu.
MAT 22:17 Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
MAT 22:18 Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu?
MAT 22:19 Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa.” Isaanis diinaarii tokko isatti fidan;
MAT 22:20 inni immoo, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.
MAT 22:21 Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
MAT 22:22 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti ni dinqifatan. Kanaaf isa dhiisanii qajeelan.
MAT 22:23 Guyyuma sana Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan tokko tokko gara isaa dhufanii gaaffii isa gaafatan.
MAT 22:24 Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera.
MAT 22:25 Kunoo obboloota torbatu nu bira ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin qabaatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee duʼe.
MAT 22:26 Obboleessa lammaffaa fi sadaffaa irratti, hamma isa torbaffaattis waanuma sanatu taʼe.
MAT 22:27 Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
MAT 22:28 Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti, torban isaanii keessaa isheen niitii isa kamii taati? Hundi isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
MAT 22:29 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu.
MAT 22:30 Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
MAT 22:31 Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha;
MAT 22:32 ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”
MAT 22:33 Namoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti, barsiisa isaa dinqifatan.
MAT 22:34 Fariisonni yommuu akka Yesuus Saduuqota afaan qabachiise dhagaʼanitti walitti qabaman.
MAT 22:35 Isaan keessaas hayyuun seeraa tokko akkana jedhee gaaffii kanaan isa qore:
MAT 22:36 “Yaa barsiisaa, seera keessaa ajajni guddaan isa kami?”
MAT 22:37 Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.
MAT 22:38 Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha.
MAT 22:39 Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’jedha.
MAT 22:40 Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”
MAT 22:41 Utuu Fariisonni walitti qabamanii jiranuu Yesuus gaaffii tokko isaan gaafate;
MAT 22:42 innis, “Isin waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhe. Isaanis, “Inni Ilma Daawit” jedhanii deebisan.
MAT 22:43 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoos Daawit akkamitti Hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii:
MAT 22:44 “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee miilla kee jala siif galchutti gara mirga koo taaʼi”jedhe.’
MAT 22:45 Erga Daawit, ‘Gooftaa’ jedhee isa waame, yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
MAT 22:46 Namni tokko iyyuu waan tokko isaaf deebisuu hin dandeenye; gaafasii jalqabee namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
MAT 23:1 Yesuusis ergasii uummataa fi barattoota isaatiin akkana jedhe:
MAT 23:2 “Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni barcuma Musee irra taaʼaniiru.
MAT 23:3 Kanaafuu waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa; eegaas. Garuu waan isaan hojjetan hin hojjetinaa; isaan ni dubbatu malee waan dubbatan sana hin hojjetaniitii.
MAT 23:4 Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gatiittii namaa irra kaaʼu; ofii isaaniitii garuu baʼaa sana sochoosuuf qubaan illee tuquu hin barbaadan.
MAT 23:5 “Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuuf hojjetu: Kudhaama isaanii ni balʼifatuutii; handaara uffata isaaniis ni dheereffatu.
MAT 23:6 Iddoo cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaa keessatti immoo taaʼumsa ulfinaa jaallatu.
MAT 23:7 Gabaa keessattis akka namoonni nagaa isaan gaafatanii fi akka ‘Yaa barsiisaa’ jedhanii isaan waaman jaallatu.
MAT 23:8 “Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti.
MAT 23:9 Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.
MAT 23:10 ‘Gooftota’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin Gooftaa tokko qofa qabduutii; innis Kiristoos.
MAT 23:11 Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.
MAT 23:12 Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.
MAT 23:13 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin mootummaa samii namoota duraa cuftuutii. Ofii keessanii hin seentan; warra seenuu yaalanis akka isaan seenan hin gootan. [
MAT 23:14 Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Mana haadha hiyyeessaa saamtanii onsituutii; itti fakkeessuuf kadhannaa ni dheeressitu; kanaafuu murtii caalutu isinitti murama.]
MAT 23:15 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii keessanitti galfachuuf jettanii lafaa fi galaana irra joortu; yommuu inni amanuttis akka inni isin caalaa dachaa lama ilma gahaannam taʼu isa gootu.
MAT 23:16 “Qajeelchitoota jaamota nana, isiniif wayyoo! Isin, ‘Namni kam iyyuu yoo mana qulqullummaatiin kakate, kun homaa miti; namni kam iyyuu yoo warqee mana qulqullummaatiin kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
MAT 23:17 Isin gowwootaa fi jaamota nana, warqee moo mana qulqullummaa kan warqee sana qulqulleessutu caala?
MAT 23:18 Akkasumas isin, ‘Namni kam iyyuu yoo iddoo aarsaatiin kakate, kun homaa miti; yoo kennaa iddoo aarsaa irra jiru sanaan kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
MAT 23:19 Isin jaamota nana, kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessutu caala?
MAT 23:20 Kanaafuu namni iddoo aarsaatiin kakatu, iddoo aarsaatii fi waan isa irra jiru hundumaan ni kakata.
MAT 23:21 Namni mana qulqullummaatiin kakatu, mana qulqullummaatii fi isa mana qulqullummaa keessa jiraatuun kakata.
MAT 23:22 Namni samiidhaan kakatu, teessoo Waaqaatii fi isa teessoo sana irra taaʼuun kakata.
MAT 23:23 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin abasuuda, insilaalaa fi kamuunii kudhan keessaa tokko ni kennitu. Garuu seera keessaa waan caalaatti barbaachisaa taʼe jechuunis murtii qajeelaa, araaraa fi amanamummaa dhiiftaniirtu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa duubaa hojii irra oolchuu qabdu ture.
MAT 23:24 Isin qajeelchitoota jaamota nana! Bookee ni calaltu; gaala immoo ni liqimsitu.
MAT 23:25 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu saamichaa fi ofittummaadhaan guutameera.
MAT 23:26 Yaa Fariisicha jaamaa nana! Jalqabatti keessa xoofootii fi caabii qulqulleessi; ergasii duubni isaas ni qulqullaaʼaa.
MAT 23:27 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin akkuma awwaala nooraa dibame kan duubni isaa bareedaa fakkaatee keessi isaa immoo lafee namoota duʼaniitiin, xuraaʼummaa hundaanis guutamee ti.
MAT 23:28 Isinis akkasuma duubaan qajeeltota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessuu fi hamminaan guutameera.
MAT 23:29 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; soodduu qajeeltotaas ni bareechitu.
MAT 23:30 Isin, ‘Nu utuu bara abbootii keenyaa sana jiraannee silaa dhiiga raajotaa dhangalaasuu keessatti isaan wajjin hin hirmaannu ture’ jettu.
MAT 23:31 Kanaafuu isin akka sanyii warra raajota ajjeesan sanaa taatan ofuma keessanitti dhugaa baatu.
MAT 23:32 Egaa safartuu cubbuu abbootii keessanii guutaa!
MAT 23:33 “Bofoota nana! Ijoollee buutii nana! Isin akkamitti murtii gahaannam jalaa baʼuu dandeessu?
MAT 23:34 Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu.
MAT 23:35 Kanaaf dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaatii jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baraakiyuu isa isin mana qulqullummaatii fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, dhiiga qulqulluu lafatti dhangalaafame hundumatti ni gaafatamtu.
MAT 23:36 Ani dhuguma isinittin hima; kun hundinuu dhaloota kanatti ni dhufa.
MAT 23:37 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
MAT 23:38 Kunoo, manni keessan onee isinii hafa.
MAT 23:39 Ani isinittin himaatii; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’ jettanitti lammata na hin argitan.”
MAT 24:1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼee deemaa jiruu barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan.
MAT 24:2 Innis, “Waan kana hunda argituu? Ani dhuguma isinittin hima; asitti dhagaan dhagaa irratti hafu tokko hin jiru; hundi isaa iyyuu ni diigama” jedhee deebiseef.
MAT 24:3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra taaʼee jiruu, barattoonni isaa kophaa isaanii gara isaa dhufanii, “Mee nutti himi; wanni kun yoom taʼa? Mallattoon dhufa keetii fi mallattoon dhuma barichaa maali?” jedhan.
MAT 24:4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.
MAT 24:5 Namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu.
MAT 24:6 Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.
MAT 24:7 Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Beellii fi sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa.
MAT 24:8 Garuu kun hundinuu jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
MAT 24:9 “Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu.
MAT 24:10 Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus;
MAT 24:11 raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.
MAT 24:12 Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa;
MAT 24:13 namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
MAT 24:14 Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.
MAT 24:15 “Kanaafuu, ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’kan Daaniʼel raajichi waaʼee isaa dubbate sun iddoo qulqulluu dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu;
MAT 24:16 yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.
MAT 24:17 Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee mana isaatii fudhachuuf gad hin buʼin.
MAT 24:18 Namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.
MAT 24:19 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!
MAT 24:20 Garuu akka baqachuun keessan ganna keessa yookaan Guyyaa Sanbataatiin hin taaneef kadhadhaa.
MAT 24:21 Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu.
MAT 24:22 “Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu.
MAT 24:23 Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Achi jira!’ isiniin jedhe, hin amaninaa.
MAT 24:24 Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu.
MAT 24:25 Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.
MAT 24:26 “Kanaafuu yoo isaan, ‘Kuunnoo, inni gammoojjii keessa jira’ isiniin jedhan achi hin dhaqinaa; yookaan yoo isaan, ‘Kunoo, mana keessa gola jira’ isiniin jedhan hin amaninaa.
MAT 24:27 Akkuma bakakkaan baʼa biiftuutii buʼee hamma lixa biiftuutti mulʼatu sana dhufaatiin Ilma Namaas akkasuma taʼa.
MAT 24:28 Iddoo raqni jiru kamitti iyyuu gogocorroowwan walitti qabamu.
MAT 24:29 “Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen, “ ‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu; urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’
MAT 24:30 “Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu.
MAT 24:31 Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.
MAT 24:32 “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.
MAT 24:33 Akkasuma isinis yommuu waan kana hunda argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.
MAT 24:34 Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
MAT 24:35 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
MAT 24:36 “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku.
MAT 24:37 Akkuma bara Nohi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.
MAT 24:38 Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii.
MAT 24:39 Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa.
MAT 24:40 Gaafas namoonni lama lafa qotiisaa keessa hojjetu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.
MAT 24:41 Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti.
MAT 24:42 “Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii.
MAT 24:43 Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.
MAT 24:44 Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.
MAT 24:45 “Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu?
MAT 24:46 Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.
MAT 24:47 Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.
MAT 24:48 Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee
MAT 24:49 garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba.
MAT 24:50 Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa.
MAT 24:51 Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.
MAT 25:1 “Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata.
MAT 25:2 Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan.
MAT 25:3 Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne.
MAT 25:4 Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan.
MAT 25:5 Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis.
MAT 25:6 “Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!’ jedhu tokko dhagaʼame.
MAT 25:7 “Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan.
MAT 25:8 Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, ‘Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan.
MAT 25:9 “Warri ogeeyyiinis deebisanii, ‘Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaa’ jedhaniin.
MAT 25:10 “Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame.
MAT 25:11 “Ergasii dubarran kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!’ jedhaniin.
MAT 25:12 “Inni garuu deebisee, ‘Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beeku’ jedheen.
MAT 25:13 “Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.
MAT 25:14 “Ammas mootummaan samii nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate.
MAT 25:15 Tokkoo tokkoo isaaniittis akkuma dandeettii isaaniitti, isa tokkotti taalaantii shan, isa kaanitti taalaantii lama, isa kaanitti immoo taalaantii tokko kennee kaʼee deeme.
MAT 25:16 Namichi taalaantii shan fudhate sun, yeroodhuma sana dhaqee ittiin daldalee taalaantii biraa shan irraa buufate.
MAT 25:17 Inni taalaantii lama fudhates akkasuma taalaantii biraa lama irraa buufate.
MAT 25:18 Namichi taalaantii tokko fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa dhokse.
MAT 25:19 “Yeroo dheeraa booddee gooftaan garboota sanaa deebiʼee herrega isaan bira jiru herregate.
MAT 25:20 Namichi taalaantii shan fudhatee ture sun taalaantii biraa shan fidee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii shan imaanaa natti kennitee turte. Ani immoo kunoo, taalaantii shan irraa buufadheera’ jedheen.
MAT 25:21 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
MAT 25:22 “Namichi taalaantii lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii lama imaanaa natti kennitee turte; ani immoo kunoo, taalaantii biraa lama irraa buufadheera’ jedheen.
MAT 25:23 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
MAT 25:24 “Namichi taalaantii tokkicha fudhatee tures dhufee akkana jedhe; ‘Yaa gooftaa, ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittinneessiniis walitti qabattu akka taate nan beeka.
MAT 25:25 Kanaafuu ani sodaadhee dhaqeen taalaantii kee lafa keessa dhokse. Taalaantiin kee kunoo ti.’
MAT 25:26 “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa dhibaaʼaa! Ati akka ani iddoon itti hin facaasinii galfadhu, iddoon itti hin bittinneessiniis walitti qabadhu beektaa?
MAT 25:27 Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf silaa maallaqa koo warra baankii bira naa kaaʼuu qabda ture.
MAT 25:28 “ ‘Kanaaf taalaanticha isa harkaa fuudhaatii namicha taalaantii kudhan qabuuf kennaa.
MAT 25:29 Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaataatii. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.
MAT 25:30 Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.’
MAT 25:31 “Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin ergamoota Waaqaa hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa.
MAT 25:32 Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa.
MAT 25:33 Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.
MAT 25:34 “Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa.
MAT 25:35 Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan;
MAT 25:36 ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’
MAT 25:37 “Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine?
MAT 25:38 Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne?
MAT 25:39 Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’
MAT 25:40 “Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan.
MAT 25:41 “Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa.
MAT 25:42 Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii;
MAT 25:43 ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.’
MAT 25:44 “Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?’ jedhanii deebisu.
MAT 25:45 “Innis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goone’ jedha.
MAT 25:46 “Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu.”
MAT 26:1 Yesuus erga waan kana hunda dubbatee raawwatee booddee barattoota isaatiin akkana jedhe;
MAT 26:2 “Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”
MAT 26:3 Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman.
MAT 26:4 Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan.
MAT 26:5 Isaanis, “Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
MAT 26:6 Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu,
MAT 26:7 dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
MAT 26:8 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; “Waan kana balleessuun maaliif?
MAT 26:9 Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.”
MAT 26:10 Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; “Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
MAT 26:11 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
MAT 26:12 Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote.
MAT 26:13 Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
MAT 26:14 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee,
MAT 26:15 “Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?” jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan.
MAT 26:16 Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
MAT 26:17 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinootti barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii gaafatan.
MAT 26:18 Innis deebisee akkana jedhe; “Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, ‘Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedha’ jedhaa.”
MAT 26:19 Barattoonnis akkuma Yesuus isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan.
MAT 26:20 Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin maaddiitti dhiʼaate.
MAT 26:21 Innis utuma nyaachaa jiranuu, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhe.
MAT 26:22 Isaanis akka malee gaddanii tokko tokkoon, “Yaa Gooftaa, na taʼinnaa laata?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
MAT 26:23 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Namichi na wajjin gabatee keessa harka kaaʼee cuuphate dabarsee na kenna.
MAT 26:24 Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
MAT 26:25 Yihuudaan inni dabarsee isa kennuuf jiru sunis, “Yaa Barsiisaa, na taʼinnaa laata?” jedhe. Yesuusis, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
MAT 26:26 Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti” jedhee barattoota isaatiif kenne.
MAT 26:27 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; “Hundi keessan kana irraa dhugaa.
MAT 26:28 Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.
MAT 26:29 Ani isinitti nan hima; ani hamman guyyaa isin wajjin mootummaa Abbaa koo keessatti deebiʼee dhugutti ammaa jalqabee ija wayinii kana irraa hin dhugu.”
MAT 26:30 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
MAT 26:31 Ergasii Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan edana sababii kootiif ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Ani tiksee nan rukuta; hoolonni karra sanaas ni bittinneeffamu.’
MAT 26:32 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
MAT 26:33 Phexros immoo deebisee, “Yoo namni hundinuu sababii keetiif gufate iyyuu ani gonkumaa hin gufadhu” jedheen.
MAT 26:34 Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati edana utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
MAT 26:35 Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan.
MAT 26:36 Ergasiis Yesuus barattoota isaa wajjin iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqe; innis, “Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti isin as taaʼaa” jedheen.
MAT 26:37 Innis Phexrosii fi ilmaan Zabdewoos lamaan of faana fudhatee deeme; gadduu fi yaaddaʼuus jalqabe.
MAT 26:38 Ergasiis inni, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa” jedheen.
MAT 26:39 Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee kadhate.
MAT 26:40 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Jarana, isin saʼaatii tokkitti illee dammaqxanii na wajjin turuu hin dandeenyee?
MAT 26:41 Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
MAT 26:42 Ammas yeroo lammaffaa achi hiiqee, “Yaa Abbaa ko, xoofoon kun utuu ani hin dhugin yoo narra darbuu hin dandeenye akkuma fedhii keetii haa taʼu” jedhee kadhate.
MAT 26:43 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii.
MAT 26:44 Ammas isaan dhiisee achi hiiqee waanuma kanaan dura kadhate sana irra deebiʼee yeroo sadaffaa kadhate.
MAT 26:45 Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
MAT 26:46 Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
MAT 26:47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
MAT 26:48 Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
MAT 26:49 Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Nagumaa yaa barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
MAT 26:50 Yesuusis deebisee, “Yaa michuu ko, waan dhufteef sana raawwadhu kaa!” jedhe. Namoonni sun itti dhiʼaatanii Yesuusin qabanii hidhan.
MAT 26:51 Kunoo, warra Yesuus wajjin turan keessaa inni tokko goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
MAT 26:52 Yesuus immoo akkana jedheen; “Goraadee kee iddoo isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii.
MAT 26:53 Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa LeegewooniiKudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?
MAT 26:54 Utuu akkas taʼee immoo wanni Katabbiiwwan Qulqulluun karaa kanaan taʼuu qaba jedhan sun silaa akkamitti raawwatama ree?”
MAT 26:55 Saʼaatii sanatti Yesuus tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne.
MAT 26:56 Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan raajotaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe.” Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan.
MAT 26:57 Warri Yesuusin qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan.
MAT 26:58 Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe.
MAT 26:59 Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan.
MAT 26:60 Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne. Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii,
MAT 26:61 “Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqaa diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera” jedhan.
MAT 26:62 Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate.
MAT 26:63 Yesuus garuu inuma calʼise. Lubichi ol aanaan, “Ani Waaqa jiraataadhaan sin kakachiisa: Ati yoo Kiristoos Ilma Waaqaa taate mee nutti himi” jedheen.
MAT 26:64 Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
MAT 26:65 Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Inni Waaqa arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Waaqa arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu.
MAT 26:66 Maal isinitti fakkaata?” Isaanis, “Duʼatu isaaf mala” jedhanii deebisan.
MAT 26:67 Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii,
MAT 26:68 “Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin.
MAT 26:69 Phexrosis dallaa keessa ala taaʼaa ture; xomboreen tokko isatti dhiʼaattee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turte!” jetteen.
MAT 26:70 Inni garuu, “Ani waan ati dubbachuutti jirtu hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane.
MAT 26:71 Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazreeti wajjin ture” jettee warra achi turanitti himte.
MAT 26:72 Innis kakatee, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee ammas gane.
MAT 26:73 Yeroo xinnoo booddee warri achi dhadhaabachaa turan Phexrositti dhiʼaatanii, “Atis dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha; loqodni kee si saaxilaatii” jedhan.
MAT 26:74 Yommus inni, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. Yommusuma indaanqoon iyye.
MAT 26:75 Phexrosis dubbii Yesuus, “Ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedhee ture sana yaadate. Gad baʼees hiqqifatee booʼe.
MAT 27:1 Ganama barii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Yesuusin ajjeesuuf walii wajjin mariʼatan.
MAT 27:2 Isaanis isa hidhanii geessanii Phiilaaxoos bulchaatti dabarsanii kennan.
MAT 27:3 Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kenne sun yommuu akka Yesuusitti murame argetti ni gaabbe; meetii soddoma sanas luboota hangafootattii fi maanguddootatti deebise.
MAT 27:4 Innis, “Ani dhiiga qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. Isaanis deebisanii, “Maaltu nu dhibe ree? Situ itti gaafatama!” jedhaniin.
MAT 27:5 Yihuudaanis meetii sana mana qulqullummaa keessatti gatee gad baʼe; dhaqees of fannise.
MAT 27:6 Luboonni hangafoonnis meetii sana fuudhanii, “Meetiin kun waan gatii dhiigaa taʼeef meetii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti” jedhan.
MAT 27:7 Isaanis walii wajjin mariʼatanii akka namoota biyya ormaatiif iddoo awwaalaa taʼuuf meetii sanaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan.
MAT 27:8 Kanaaf lafti sun hamma harʼaatti, “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama.
MAT 27:9 Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate sun ni raawwatame: Innis akkana jedha; “Isaan meetii soddomman, gatii isaa kan ijoolleen Israaʼel isatti shallagan sana fuudhanii,
MAT 27:10 akkuma Gooftaan na ajajetti lafa namicha suphee dhaʼu sanaa ittiin bitan.”
MAT 27:11 Yeroo sanatti Yesuus fuula bulchaa dura dhaabate; bulchaan sunis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
MAT 27:12 Inni yeroo luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni isa himatanittis deebii tokko illee hin kennine.
MAT 27:13 Phiilaaxoosis, “Ati akka isaan waan meeqa sirratti dhugaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee isa gaafate.
MAT 27:14 Yesuus garuu himata tokkoof illee deebii tokko iyyuu hin kennine; bulchaan sunis akka malee waan kana dinqisiifate.
MAT 27:15 Bulchaan sun nama hidhame tokko ayyaanaan akkuma fedhii sabaatti gad dhiisuu bartee godhatee ture.
MAT 27:16 Yeroo sana namichi Barabbaas jedhamu beekamaan tokko hidhamee ture.
MAT 27:17 Kanaafuu yommuu isaan walitti qabamanitti Phiilaaxoos, “Akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu? Barabbaas moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” jedhee isaan gaafate.
MAT 27:18 Akka isaan hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
MAT 27:19 Utuu Phiilaaxoos barcuma murtii irra taaʼuu niitiin isaa, “Namicha qajeelaa sana hin tuqin; ani eda sababii isaatiif abjuudhaan akka malee dhiphadheeraatii” jettee itti dhaamte.
MAT 27:20 Luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni garuu akka Barabbaas gad dhiifamee, Yesuus immoo ajjeefamu akka isa kadhataniif namoota sossoban.
MAT 27:21 Bulchaan sun, “Isaan lamaan kanneen keessaa akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu?” jedhee ammas gaafate. Isaanis, “Barabbaasin” jedhanii deebisan.
MAT 27:22 Phiilaaxoosis, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu immoo ani maal godhu ree?” jedhee gaafate. Hundi isaaniis, “Isa fannisi!” jedhanii deebisan.
MAT 27:23 Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
MAT 27:24 Phiilaaxoos yommuu akka wanni kun goolii kaasuu malee faayidaa tokko illee hin qabne argetti, “Ani dhiiga nama kanaa irraa qulqulluu dha; isintu itti gaafatama!” jedhee bishaan fudhatee fuula namootaa duratti harka isaa dhiqate.
MAT 27:25 Namoonni hundinuus, “Dhiigni isaa nuu fi ijoollee keenya irra haa gaʼu!” jedhanii deebisan.
MAT 27:26 Ergasii inni Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
MAT 27:27 Ergasii loltoonni bulchaa sanaa Yesuusin mana bulchaatti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas naannoo Yesuusitti walitti qaban.
MAT 27:28 Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan;
MAT 27:29 gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii isatti qoosan.
MAT 27:30 Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan.
MAT 27:31 Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
MAT 27:32 Utuu gad baʼanuus namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko arganii akka inni fannoo sana baatuuf isa dirqisiisan.
MAT 27:33 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamu gaʼan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha.
MAT 27:34 Achittis akka inni dhuguuf daadhii wayinii kan hadhooftuun itti makame kennaniif; inni garuu afaaniin qabee dhuguu dide.
MAT 27:35 Isaanis erga isa fannisanii booddee ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
MAT 27:36 Isaanis achi taaʼanii isa eegaa turan.
MAT 27:37 Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis, Kun Yesuus Mooticha Yihuudootaa ti, jedha.
MAT 27:38 Hattoonni lamas, inni tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannifaman.
MAT 27:39 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii,
MAT 27:40 “Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, mee of oolchi! Ati yoo Ilma Waaqaa taate fannoo irraa gad buʼi!” jedhan.
MAT 27:41 Akkasumas luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni isatti qoosan. Akkanas jedhan;
MAT 27:42 “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! Inni yoo mootii Israaʼel taʼe amma fannoo irraa gad haa buʼu; nuus isatti ni amannaatii.
MAT 27:43 Inni Waaqa amanata; Waaqni yoo isa jaallate, mee amma isa haa oolchu; inni, ‘Ani Ilma Waaqaa ti’ jedheeraatii.”
MAT 27:44 Akkasuma hattoonni isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
MAT 27:45 Saʼaatii jaʼaa jalqabee hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe.
MAT 27:46 Gara Saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee, Eloohee,laamaa sabaqtaanii?” jedhee iyye; hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
MAT 27:47 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Eeliyaasin waama” jedhan.
MAT 27:48 Yommusuma isaan keessaa namichi tokko fiigee dhaqee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kenne.
MAT 27:49 Warri kaan garuu, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee isa oolchu arginaatii” jedhan.
MAT 27:50 Yesuus ammas sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.
MAT 27:51 Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan.
MAT 27:52 Awwaalonnis banamanii dhagnawwan qulqullootaa kanneen duʼanii turan hedduun duʼaa kaafaman.
MAT 27:53 Isaanis duʼaa kaʼuu Yesuus booddee awwaala keessaa baʼanii magaalattii qulqulluu seenan. Namoota hedduuttis mulʼatan.
MAT 27:54 Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Yesuusin eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, “Dhugumaanuu inni Ilma Waaqaa ture!” jedhan.
MAT 27:55 Dubartoonni Yesuusin tajaajiluuf jedhanii Galiilaadhaa isa duukaa buʼan baayʼeenis fagoo dhaabatanii ilaalaa turan.
MAT 27:56 Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi Yoosef, akkasumas haadha ilmaan Zabdewoos turan.
MAT 27:57 Yommuu galgalaaʼettis namichi sooressi Yoosef jedhamu tokko Armaatiyaa dhufe; inni mataan isaas barataa Yesuus ture.
MAT 27:58 Innis gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate; Phiilaaxoosis akka reeffi sun isaaf kennamu ajaje.
MAT 27:59 Yoosefis reeffa sana fudhatee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluudhaan kafane;
MAT 27:60 innis awwaala ofii isaa kan garaa kattaa keessatti qotate haaraa tokko keessa kaaʼe. Dhagaa guddaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee biraa deeme.
MAT 27:61 Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan fuullee awwaala sanaa tataaʼaa turan.
MAT 27:62 Guyyaa itti aanutti jechuunis guyyaa qophii booddee luboonni hangafoonnii fi Fariisonni fuula Phiilaaxoos duratti walitti qabaman.
MAT 27:63 Isaanis akkana jedhan; “Gooftaa! Akka namichi gowwoomsaan sun utuu lubbuudhaan jiruu, ‘Ani guyyaa sadii booddee duʼaa nan kaʼa’ jedhe nu ni yaadanna.
MAT 27:64 Kanaafuu akka awwaalli sun hamma guyyaa sadaffaatti eegamu ajaji. Yoo kun taʼuu baate barattoonni isaa dhaqanii reeffa isaa hatanii, ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera’ jedhanii namatti odeessu. Gowwoomsaan dhumaa kun immoo isa duraa caalaa ni hammaata.”
MAT 27:65 Phiilaaxoosis deebisee, “Waardiyyaa fudhadhaa dhaqaatii akkuma beektanitti awwaalicha eegsifadhaa” jedheen.
MAT 27:66 Kanaaf isaan dhaqanii dhagicha irratti mallattoo godhan; waardiyyaas ramadanii awwaala sana eegsisan.
MAT 28:1 Sanbata booddee, guyyaa jalqaba torban sanaa Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan barii barraaqaan awwaala ilaaluu dhaqan.
MAT 28:2 Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe.
MAT 28:3 Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture.
MAT 28:4 Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan.
MAT 28:5 Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; “Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka.
MAT 28:6 Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.
MAT 28:7 Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera.”
MAT 28:8 Dubartoonni sunis sodaatanii, taʼus gammachuu guddaan guutamanii ariitiidhaan awwaala sana biraa deeman; barattoota isaatti himuufis fiigan.
MAT 28:9 Yeruma sana kunoo Yesuus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate. Isaanis isatti dhiʼaatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif.
MAT 28:10 Yesuusis, “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii akka isaan gara Galiilaa deemaniif obboloota kootti himaa; isaanis achitti na argu” jedheen.
MAT 28:11 Utuu dubartoonni sun karaa jiranuu waardiyyoota sana keessaa tokko tokko magaalaa seenanii waan taʼe hunda luboota hangafootatti himan.
MAT 28:12 Luboonni hangafoonnis erga maanguddoota wajjin walitti qabamanii mariʼatanii booddee loltootaaf maallaqa hedduu kennan.
MAT 28:13 Akkanas jedhaniin; “ ‘Utuu nu rafnuu barattoonni isaa halkaniin dhufanii isa hatan’ jedhaatii namootatti himaa.
MAT 28:14 Yoo wanni kun gurra bulchaa seene nu isa amansiifnee rakkina jalaa isin baafnaa.”
MAT 28:15 Loltoonnis maallaqa sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan. Oduun kunis hamma harʼaatti Yihuudoota biratti odeeffamaa jira.
MAT 28:16 Barattoonni kudha tokkoon sun gara biyya Galiilaa, gara tulluu Yesuus dhaqaa isaaniin jedhee ture sanaa dhaqan.
MAT 28:17 Isaanis yommuu isa arganitti ni sagadaniif; isaan keessaa tokko tokko garuu ni maman.
MAT 28:18 Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.
MAT 28:19 Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;
MAT 28:20 akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.”
MAR 1:1 Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa.
MAR 1:2 Kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera: “Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa kee qopheessu, si dura nan erga;”
MAR 1:3 “Sagalee nama, ‘Gooftaaf karaa qopheessaa; daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo.”
MAR 1:4 Kanaafuu Yohannis gammoojjii keessatti nama cuuphaa, dhiifama cubbuutiif immoo cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa dhufe.
MAR 1:5 Biyyi Yihuudaa guutuunii fi namoonni Yerusaalem hundinuus gara isaa dhaqanii cubbuu isaanii himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
MAR 1:6 Yohannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffatee, mudhii isaas sabbata teephaatiin hidhata ture; inni hawwaannisaa fi damma bosonaa nyaata ture.
MAR 1:7 Innis akkana jedhee lallabaa ture; “Kan na caalaa jabaa taʼe, hidhaa kophee isaa illee gad jedhee hiikuun kan naaf hin malle tokko na duubaan ni dhufa.
MAR 1:8 Ani bishaaniinan isin cuupha; inni garuu Hafuura Qulqulluudhaan isin cuupha.”
MAR 1:9 Yeroo sana Yesuus Naazreeti ishee Galiilaatii dhufee Laga Yordaanos keessatti Yohannisiin cuuphame.
MAR 1:10 Yesuus utuma bishaan keessaa ol baʼaa jiruu, samiin banamee utuu Hafuurri akkuma gugeetti isa irratti gad buʼuu arge.
MAR 1:11 Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani baayʼee sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa dhufe.
MAR 1:12 Yeruma sana Hafuurri gammoojjiitti isa baase;
MAR 1:13 inni guyyaa afurtama Seexanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; ergamoonnis isa tajaajilan.
MAR 1:14 Erga Yohannis mana hidhaatti galfamee booddee, Yesuus wangeela Waaqaa lallabaa Galiilaa seene.
MAR 1:15 Innis, “Barri sun gaʼeera; mootummaan Waaqaas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!” jedhe.
MAR 1:16 Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu Simoonii fi obboleessa isaa Indiriiyaas utuu isaan kiyyoo galaanatti darbachaa jiranuu arge; isaan qurxummii qabdoota turaniitii.
MAR 1:17 Yesuusis, “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga” jedheen.
MAR 1:18 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
MAR 1:19 Innis yommuu xinnoo achi hiiqetti Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis utuu isaan bidiruu keessatti kiyyoowwan isaanii qopheeffatanuu arge.
MAR 1:20 Innis yommusuma isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewoosin hojjettoota qacaraman wajjin bidiruu sana keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan.
MAR 1:21 Isaan gara Qifirnaahom dhaqan; innis yommusuma Sanbataan mana sagadaa seenee barsiise.
MAR 1:22 Inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin akka nama taayitaa qabu tokkootti waan barsiisaa tureef namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
MAR 1:23 Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee
MAR 1:24 akkana jedhe; “Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
MAR 1:25 Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate.
MAR 1:26 Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha dhidhiitachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee keessaa baʼe.
MAR 1:27 Namoonni hundinuu baayʼee dinqifatanii, “Kun maalii? Inni taayitaadhaan barsiisa haaraa barsiisa! Hafuurota xuraaʼoo illee ni ajaja; isaanis ni ajajamuuf” waliin jedhan.
MAR 1:28 Oduun waaʼee isaas dafee biyya Galiilaa guutuu keessa faffacaʼe.
MAR 1:29 Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaqoobii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan.
MAR 1:30 Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan.
MAR 1:31 Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde.
MAR 1:32 Namoonnis galgala sana erga biiftuun lixxee booddee, dhukkubsattootaa fi warra hafuurota hamoon qabaman hunda Yesuusitti fidan.
MAR 1:33 Magaalaan sun guutuunis balbala duratti walitti qabame.
MAR 1:34 Yesuusis namoota dhibee garaa garaa qaban hedduu fayyise; hafuurota hamoo baayʼees ni baase; garuu inni sababii hafuuronni hamoon sun eenyummaa isaa beekaniif akka isaan dubbatan hin eeyyamneef.
MAR 1:35 Yesuus ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti kadhate.
MAR 1:36 Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaaduu deeman;
MAR 1:37 isaanis yommuu isa argatanitti, “Namni hundinuu si barbaadaa jira!” jedhaniin.
MAR 1:38 Yesuus immoo deebisee, “Akka ani achittis lallabuuf kottaa gara magaalaawwan dhiʼoo jiran kaanii dhaqnaa. Sababiin ani dhufeefis kanuma” jedhe.
MAR 1:39 Kanaafuu inni manneen sagadaa isaanii keessatti lallabaa, hafuurota hamoos baasaa, Galiilaa guutuu keessa deeme.
MAR 1:40 Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.
MAR 1:41 Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen.
MAR 1:42 Yeruma sana lamxiin sun namicha irraa bade; namichis ni qulqullaaʼe.
MAR 1:43 Yesuusis of eeggannoo jabaa kenneefii yommusuma gad isa dhiise.
MAR 1:44 Akkanas jedheen; “Ati waan kana nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi.”
MAR 1:45 Namichi garuu achii baʼee baayʼisee odeessuu jalqabe. Kanaafis Yesuus ergasii magaalaan ala, lafa namni hin jirre ture malee ifaan ifatti magaalattii seenuu hin dandeenye. Namoonni garuu iddoo hundatti isa bira dhufaa turan.
MAR 2:1 Yesuus guyyaa muraasa booddee Qifirnaahomitti deebiʼe; namoonnis akka inni mana jiru dhagaʼan.
MAR 2:2 Namoonni akka malee baayʼatan walitti qabamnaan iddoon dhabamee balballi durris dhiphate; innis dubbicha isaanitti lallabaa ture.
MAR 2:3 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe kan namoota afuriin baatame tokko gara isaa fidan.
MAR 2:4 Isaanis sababii baayʼina namaatiif namicha sana Yesuusitti dhiʼeessuu dadhabanii qixa Yesuus tureen bantii manaa saaqanii siree namichi dhagni irratti duʼe irra ciise sana gad buusan.
MAR 2:5 Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
MAR 2:6 Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko achi tataaʼanii garaa isaanii keessatti,
MAR 2:7 “Namichi kun maaliif akkana dubbata? Inni Waaqa arrabsa! Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii yaadan.
MAR 2:8 Yesuusis yeruma sana akka wanni isaan garaa isaanii keessatti yaadaa turan kana taʼe hafuuraan beekee akkana jedheen; “Isin maaliif waan kana yaaddu?
MAR 2:9 Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii siree kee fudhadhuu deemi’ jechuutu salphaa dha?
MAR 2:10 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha sanaan,
MAR 2:11 “Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
MAR 2:12 Innis kaʼee, yommusuma siree isaa fudhatee utuma isaan hundinuu arganuu baʼe deeme. Kunis hunda isaanii dinqisiise; isaanis, “Nu takkumaa waan akkanaa arginee hin beeknu!” jedhanii Waaqa jajan.
MAR 2:13 Yesuus amma illee gara qarqara galaanichaatti gad baʼe. Namoonni baayʼeenis isa biratti walitti qabaman; innis isaan barsiisuu jalqabe.
MAR 2:14 Innis utuu achiin darbaa jiruu, Lewwii ilma Alfewoos utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Lewwiinis kaʼee isa duukaa buʼe.
MAR 2:15 Yeroo Yesuus mana Lewwiitti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachaa turan; namoonni isa duukaa buʼan baayʼee turaniitii.
MAR 2:16 Barsiistonni seeraa warri Fariisota turan yommuu isaa cubbamootaa fi qaraxxoota wajjin nyaatu arganitti, “Inni maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan.
MAR 2:17 Yesuus immoo waan kana dhageenyaan, “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne” jedheen.
MAR 2:18 Barattoonni Yohannisii fi Fariisonni ni soomu turan. Namoonni tokko tokko dhufanii, “Barattoonni Yohannisii fi barattoonni Fariisotaa ni soomu; barattoonni kee garuu maaliif hin soomne?” jedhanii Yesuusin gaafatan.
MAR 2:19 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu soomuu dandaʼu? Isaan hamma isa of biraa qabanitti soomuu hin dandaʼan.
MAR 2:20 Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis gaafas ni soomu.
MAR 2:21 “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, erbeen haaraan sun uffata sana irraa tarsaasa; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.
MAR 2:22 Namni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin sun qalqalloo sana dhoosa; daadhichii fi qalqallichi horoomaa baʼu. Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba.”
MAR 2:23 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas utuu isa wajjin deemaa jiranuu asheetii midhaanii cirachuu jalqaban.
MAR 2:24 Fariisonnis, “Ilaa, isaan maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjetu?” jedhaniin.
MAR 2:25 Innis akkana jedhee deebise; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanii fi rakkatanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee?
MAR 2:26 Bara Abiyaataar luba ol aanaa ture keessa, inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame kan akka luboonni qofti nyaataniif eeyyamame sana nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis ni kenne.”
MAR 2:27 Yesuusis akkana jedheen; “Sanbatatu namaaf uumame malee namni Sanbataaf hin uumamne.
MAR 2:28 Kanaafuu Ilmi Namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”
MAR 3:1 Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture.
MAR 3:2 Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan.
MAR 3:3 Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe.
MAR 3:4 Yesuusis, “Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.
MAR 3:5 Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, “Harka kee diriirfadhu!” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.
MAR 3:6 Fariisonnis gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesuu dandaʼan garee Heroodis wajjin mariʼachuu jalqaban.
MAR 3:7 Yesuus barattoota isaa wajjin achii kaʼee gara galaanichaatti qajeele; tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa isa duukaa buʼe.
MAR 3:8 Namoonni baayʼeenis yommuu waan inni hojjechaa ture hunda dhagaʼanitti Yihuudaadhaa, Yerusaalemii, Edoomiyaasii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo Xiiroosiitii fi Siidoonaatii gara isaa dhufan.
MAR 3:9 Innis akka baayʼina namaatiin hin dhiibamneef akka isaan bidiruu xinnoo tokko isaaf qopheessan barattoota isaatti hime.
MAR 3:10 Sababii inni nama baayʼee fayyisee tureef, warri dhukkubsatan hundinuu isa tuquuf jedhanii irratti wal cabsaa turan.
MAR 3:11 Hafuuronni xuraaʼoonis yeroo isa argan fuula isaa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii iyyu turan.
MAR 3:12 Inni garuu akka isaan akka inni beekamu hin goone jabeessee isaan ajaje.
MAR 3:13 Yesuusis tulluutti ol baʼee warra ofii isaatii barbaade ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan.
MAR 3:14 Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase;
MAR 3:15 akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef.
MAR 3:16 Warri kudha lamaan inni muudes isaan kana: Simoon isa inni “Phexros” jedhee moggaase,
MAR 3:17 Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis warra inni “Boʼanergees” jedhee moggaase; Boʼanergees jechuun ilmaan “Kakawwee” jechuu dha;
MAR 3:18 Indiriiyaas, Fiiliphoos, Bartaloomewoos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewoos, Simoon Hinaafticha,
MAR 3:19 Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
MAR 3:20 Yesuusis mana tokko seene; sababii namoonni akka malee baayʼatan ammas walitti qabamaniif innii fi barattoonni isaa waa nyaachuu illee hin dandeenye.
MAR 3:21 Firoonni isaas yommuu waan kana dhagaʼanitti isa qabuu dhaqan; namoonni, “Inni qalbii dabarseera” jechaa turaniitii.
MAR 3:22 Barsiistonni seeraa warri Yerusaalemii gad buʼan, “Inni Biʼeelzebuuliin qabameera! Hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
MAR 3:23 Yesuus immoo ofitti isaan waamee akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa?
MAR 3:24 Mootummaan tokko yoo gargar of qoode, mootummaan sun dhaabachuu hin dandaʼu.
MAR 3:25 Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu.
MAR 3:26 Seexannis yoo gargar of qoode, inni dhaabachuu hin dandaʼu; dhumni isaa gaʼeeraatii.
MAR 3:27 Dhugumaan namni kam iyyuu utuu duraan dursee nama jabaa tokko hin hidhin, mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Ergasii inni mana namicha jabaa sanaa saamuu dandaʼa.
MAR 3:28 Ani dhuguma isinittin hima; cubbuun isaanii hundii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi namootaaf dhiifamuu ni dandaʼa;
MAR 3:29 namni Hafuura Qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu gonkumaa dhiifama hin argatu; inni itti gaafatamaa cubbuu bara baraa ti.”
MAR 3:30 Yesuusis sababii isaan, “Inni hafuura xuraaʼaa qaba” jechaa turaniif waan kana dubbate.
MAR 3:31 Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan.
MAR 3:32 Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, “Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru” jedhanii isatti himan.
MAR 3:33 Inni immoo, “Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?” jedhee gaafate.
MAR 3:34 Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti!
MAR 3:35 Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
MAR 4:1 Yesuus ammas qarqara galaanichaatti barsiisuu jalqabe. Tuunni naannoo isaatti walitti qabame akka malee guddaa ture; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa irra afaan bishaanii jiranuu, inni bidiruu yaabbatee galaanicha irra achi hiiqee taaʼe.
MAR 4:2 Fakkeenyaanis waan baayʼee isaan barsiise; barsiisa isaa keessattis akkana jedhe:
MAR 4:3 “Mee dhagaʼaa! Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe.
MAR 4:4 Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan.
MAR 4:5 Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile.
MAR 4:6 Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge.
MAR 4:7 Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe; biqiltuun sunis ija hin naqanne.
MAR 4:8 Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ni guddate; ijas ni naqate. Inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqate.”
MAR 4:9 Yesuusis, “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu” jedhe.
MAR 4:10 Yeroo inni kophaa turettis warri Kudha Lamaanii fi namoonni naannoo isaa turan biraa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan.
MAR 4:11 Innis akkana jedheen; “Icciitiin mootummaa Waaqaa isiniif kennameera. Warra ala jiranitti garuu wanni hundinuu fakkeenyaan himama;
MAR 4:12 kunis, “ ‘Isaan akka hin deebinee fi akka dhiifama hin arganneef, arguu inuma argu, garuu hin qalbeeffatan; dhagaʼuus inuma dhagaʼu, garuu hin hubatan.’”
MAR 4:13 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin fakkeenya kana hin hubattanii? Yoos isin akkamitti fakkeenya hunda hubattu ree?
MAR 4:14 Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa.
MAR 4:15 Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata.
MAR 4:16 Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu.
MAR 4:17 Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu.
MAR 4:18 Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha;
MAR 4:19 garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa.
MAR 4:20 Warri kaanis sanyii biyyoo gaarii irratti facaafame fakkaatu; isaanis dubbicha ni dhagaʼu; ni fudhatu; ijas ni naqatu; inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqata.”
MAR 4:21 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin ibsaa gombisaa jala yookaan siree jala kaaʼuuf fidduu? Qooda kanaa baattuu isaa irra keessu mitii?
MAR 4:22 Wanni dhokfame kam iyyuu mulʼifamuuf jiraatii; wanni haguugame kam iyyuus ifatti baafamuuf jiraatii.
MAR 4:23 Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”
MAR 4:24 Innis itti fufee akkana jedheen; “Waan dhageessan qalbeeffadhaa. Safartuu ittiin safartaniinis, hammas caalaa iyyuu isiniif safarama.
MAR 4:25 Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.”
MAR 4:26 Ammas akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa nama lafa isaa irratti sanyii facaasu tokko fakkaata.
MAR 4:27 Akkamitti akka taʼe namichi beekuu baatu illee, inni rafus yookaan dammaqus, sanyiin sun halkanii guyyaa ni biqila; ni guddatas.
MAR 4:28 Lafti ofuma isheetiin midhaan baafti; jalqabatti biqila, itti aansee hudhaa midhaanii, ergasii immoo midhaan guutuu baafti.
MAR 4:29 Namichis akkuma midhaanichi bilchaateen haamuu jalqaba; yeroon haamaa gaʼeeraatii.”
MAR 4:30 Ammas inni akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata jechuu dandeenya? Yookaan fakkeenya maaliitiin isa ibsina?
MAR 4:31 Inni sanyii sanaaficaa kan sanyiiwwan lafa irra jiran hunda irra xinnaa taʼe fakkaata.
MAR 4:32 Erga facaafamee booddee garuu guddatee biqiltuu hunda caala; dameewwan gurguddaa simbirroonnis gaaddisa isaa jala jiraachuu dandaʼanis qabaata.”
MAR 4:33 Yesuusis fakkeenyawwan akkanaa baayʼeedhaan hamma isaan dhagaʼuu dandaʼan dubbicha isaanitti dubbate.
MAR 4:34 Innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne. Yeroo kophaa turanitti garuu waan hunda barattoota isaatiif ni ibse.
MAR 4:35 Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, “Kottaa gama ceenaa” isaaniin jedhe.
MAR 4:36 Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Yesuusin akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan.
MAR 4:37 Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe.
MAR 4:38 Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, “Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?” jedhaniin.
MAR 4:39 Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, “Calʼisi! Gab jedhis!” jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
MAR 4:40 Innis barattoota isaatiin, “Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?” jedhe.
MAR 4:41 Isaanis akka malee sodaatanii, “Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?” jedhanii wal gaafatan.
MAR 5:1 Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan.
MAR 5:2 Yommuu Yesuus bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo awwaalaatii baʼee isatti dhufe.
MAR 5:3 Namichi kun iddoo awwaalaa jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye.
MAR 5:4 Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre.
MAR 5:5 Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo awwaalaa keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.
MAR 5:6 Innis yommuu Yesuusin fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate.
MAR 5:7 Sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Waaqaatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!” jedheen.
MAR 5:8 Yesuusis, “Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!” jedheenii tureetii.
MAR 5:9 Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon” jedhee deebise.
MAR 5:10 Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Yesuusin kadhate.
MAR 5:11 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture.
MAR 5:12 Hafuuronni hamoon sunis, “Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami” jedhanii Yesuusin kadhatan.
MAR 5:13 Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
MAR 5:14 Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan.
MAR 5:15 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis.
MAR 5:16 Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan.
MAR 5:17 Kana irratti jarri akka Yesuus biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban.
MAR 5:18 Utuu Yesuus bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate.
MAR 5:19 Yesuus garuu, “Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!” jedheen malee hin eeyyamneef.
MAR 5:20 Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Yesuus isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.
MAR 5:21 Yommuu Yesuus bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture.
MAR 5:22 Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Yesuusin argetti, miilla isaa irratti kufee,
MAR 5:23 “Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi” jedhee jabeessee isa kadhate.
MAR 5:24 Kanaafuu Yesuus isa wajjin dhaqe. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan.
MAR 5:25 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte.
MAR 5:26 Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne.
MAR 5:27 Isheenis yommuu waaʼee Yesuus dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe.
MAR 5:28 Isheen, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
MAR 5:29 Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.
MAR 5:30 Yesuusis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, “Eenyutu uffata koo tuqe?” jedhee gaafate.
MAR 5:31 Barattoonni isaas deebisanii, “Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?” jedhan.
MAR 5:32 Yesuus garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale.
MAR 5:33 Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte.
MAR 5:34 Innis, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi” jedheen.
MAR 5:35 Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?” jedhan.
MAR 5:36 Yesuus garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, “Amani malee hin sodaatin!” jedhe.
MAR 5:37 Innis Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne.
MAR 5:38 Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Yesuus uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge.
MAR 5:39 Innis ol seenee, “Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune” jedheen.
MAR 5:40 Isaan garuu isatti kolfan. Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene.
MAR 5:41 Innis harka ishee qabee, “Xaaliitaa quumii!” jedheen; kunis, “Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!” jechuu dha.
MAR 5:42 Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan.
MAR 5:43 Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
MAR 6:1 Yesuus achii baʼee gara magaalaa itti dhalatee dhaqe; barattoonni isaas isa wajjin dhaqan.
MAR 6:2 Innis guyyaan Sanbataa geenyaan mana sagadaatti barsiisuu jalqabe; warri isa dhagaʼan baayʼeenis ni dinqisiifatan. Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun wantoota kanneen eessaa argate? Ogummaan isaaf kenname kun maali? Hojiiwwan dinqisiisoon harka isaatiin hojjetaman kanneen akkanaa maali?
MAR 6:3 Namichi kun sooftuu mukaa mitii? Inni ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, kan Yoosaa, kan Yihuudaa fi kan Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nu bira jiru mitii?” Isaanis isatti gufatan.
MAR 6:4 Yesuus immoo, “Raajiin magaalaa itti dhalatetii, firoota isaa keessattii fi mana isaatti malee kabaja hin dhabu” jedheen.
MAR 6:5 Innis dhukkubsattoota muraasa irra harka isaa kaaʼee fayyisuu malee hojii dinqisiisaa tokko illee achitti hojjechuu hin dandeenye.
MAR 6:6 Innis amantii dhabuu isaaniitiif dinqifate. Yesuusis namoota barsiisaa ganda tokko irraa gara ganda biraatti naannaʼaa ture.
MAR 6:7 Warra Kudha Lamaan ofitti waamee lama lamaan isaan erguu jalqabe; hafuurota xuraaʼoo irrattis taayitaa kenneef.
MAR 6:8 Akkana jedhees isaan ajaje: “Adeemsa keessaniif ulee malee waan tokko illee jechuunis buddeenaa fi korojoo hin qabatinaa; sabbata keessanitti immoo maallaqa hin guduunfatinaa.
MAR 6:9 Kophee kaaʼadhaa; garuu kittaa lama hin uffatinaa.
MAR 6:10 Yeroo mana tokko seentan kam iyyuu, hamma magaalaa sanaa baatanitti manuma sana turaa.
MAR 6:11 Yoo iddoon kam iyyuu isin simachuu baate yookaan isin dhagaʼuu baate, iddoo sanaa baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”
MAR 6:12 Isaanis achii baʼanii akka namoonni qalbii jijjiirrataniif lallaban.
MAR 6:13 Hafuurota hamoo baayʼee baasan; dhukkubsattoota baayʼees zayitii dibanii fayyisan.
MAR 6:14 Heroodis mootichi waaʼee waan kanaa dhagaʼe; maqaan Yesuus sirriitti beekamee tureetii. Namoonni tokko tokko, “Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera; sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhan.
MAR 6:15 Warri kaan, “Inni Eeliyaas” jedhan. Kaan immoo, “Inni raajota durii keessaa akka isa tokkoo ti” jedhan.
MAR 6:16 Heroodis garuu yommuu waan kana dhagaʼetti, “Yohannis isa ani mataa isaa irraa kutetu warra duʼan keessaa kaafame!” jedhe.
MAR 6:17 Heroodis mataan isaa akka Yohannis qabamee, hidhamee mana hidhaatti galfamu ajajee tureetii. Innis sababii niitii obboleessa ofii isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaas ishee ofii fuudhee ture sanaatiif jedhee waan kana godhe.
MAR 6:18 Yohannisis Heroodisiin, “Ati niitii obboleessa keetii fuudhuun kee seera miti” jedhaanii tureetii.
MAR 6:19 Kanaafuu Heroodiyaas Yohannisitti haaloo qabattee isa ajjeesuu barbaadde. Garuu isheen hin dandeenye;
MAR 6:20 Heroodis akka Yohannis nama qajeelaa fi nama qulqulluu taʼe beekee, isa sodaatee, eegumsa isaaf gochaa tureetii. Heroodis yommuu waan Yohannis dubbatu dhagaʼetti akka malee rifate; taʼus gammachuudhaan isa dhaggeeffachuu barbaade.
MAR 6:21 Dhuma irrattis yeroon mijaaʼaan argame. Heroodis guyyaa dhaloota isaatti qondaaltota gurguddootaaf, ajajjoota loltootaatii fi namoota Galiilaa keessatti beekamaniif irbaata qopheesse.
MAR 6:22 Intalli Heroodiyaas yommuu ol seentee sirbitetti Heroodisii fi keessummoota isaa warra irbaata affeeraman gammachiifte. Mootichis intalattiidhaan, “Waanuma barbaadde na kadhadhu; ani siif nan kenna!” jedhe.
MAR 6:23 Innis, “Hamma walakkaa mootummaa kootti illee waan ati na kadhattu kam iyyuu siif nan kenna!” jedhee kakuudhaan waadaa galeef.
MAR 6:24 Isheenis gad baatee haadha isheetiin, “Maal kadhadhu?” jette. Haati immoo, “Mataa Yohannis Cuuphaa” jettee deebifteef.
MAR 6:25 Intalattiinis yommusuma ariitiidhaan gara mootichaatti ol seentee, “Akka ati ammuma mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra keessee naa kennitu nan barbaada” jetteen.
MAR 6:26 Mootichis akka malee gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee ishee diduu hin barbaanne.
MAR 6:27 Innis yommusuma loltuu tokko akka inni mataa Yohannis fiduuf ajajee erge. Loltuun sunis dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute;
MAR 6:28 mataa isaas gabatee irra kaaʼee fidee intalattiitti kenne. Isheenis haadha isheetti kennite.
MAR 6:29 Barattoonni Yohannisis waan kana dhageenyaan dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaala keessa kaaʼan.
MAR 6:30 Ergamoonnis Yesuus biratti walitti qabamanii waan hojjetanii turanii fi waan barsiisanii turan hunda isatti himan.
MAR 6:31 Innis, “Kophaa keessan gara iddoo namni hin jirre tokkoo kottaatii takka boqodhaa” jedheen; isaan sababii namoonni baayʼeen dhufaa, deemaas turaniif carraa itti waa nyaatan illee hin qaban tureetii.
MAR 6:32 Isaanis kophaa isaanii bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqan.
MAR 6:33 Namoonni deemuu isaanii argan baayʼeen garuu isaan beekan; magaalaawwan hunda keessaa baʼanii miillaan fiiganii isaan dursanii iddoo sana gaʼan.
MAR 6:34 Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis sababii isaan akkuma hoolota tiksee hin qabnee turaniif garaa laafeef. Kanaafuu inni waan baayʼee isaan barsiisuu jalqabe.
MAR 6:35 Yeroo kanatti galgalaaʼee ture; kanaafuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti.
MAR 6:36 Akka isaan gara baadiyyaatii fi gandoota naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatan bitataniif namoota kanneen gad dhiisi.”
MAR 6:37 Inni garuu, “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise. Isaanis, “Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?” jedhaniin.
MAR 6:38 Innis, “Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!” jedheen. Isaanis yommuu arganitti, “Buddeena shanii fi qurxummii lama” jedhan.
MAR 6:39 Yesuusis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje.
MAR 6:40 Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan.
MAR 6:41 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode.
MAR 6:42 Isaan hundi nyaatanii quufan;
MAR 6:43 barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
MAR 6:44 Warri nyaatanis dhiira kuma shan turan.
MAR 6:45 Yesuus yommusuma akka barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gara Beetisayidaatti darbaniif isaan dirqisiise.
MAR 6:46 Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf gaaratti ol baʼe.
MAR 6:47 Yommuu galgalaaʼettis bidiruun sun galaana walakkaa ture; Yesuus immoo kophaa isaa lafa irra ture.
MAR 6:48 Innis utuu barattoonni sababii bubbeen fuula isaanii duraan itti dhufeef bishaan mooquudhaan dhiphatanuu arge. Innis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Innis waan isaan bira darbu fakkaate;
MAR 6:49 isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan;
MAR 6:50 isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii. Inni immoo, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee yommusuma isaanitti dubbate.
MAR 6:51 Innis isaan wajjin bidiruu yaabbate; bubbeen sunis gab jedhe. Isaanis akka malee dinqisiifatan;
MAR 6:52 isaan waaʼee buddeennan sanaa hin hubanneetii; mata jabeeyyiis turan.
MAR 6:53 Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan; bidiruu sanas achitti hidhan.
MAR 6:54 Akkuma isaan bidiruu irraa buʼaniinis namoonni Yesuusin beekan.
MAR 6:55 Namoonni sunis biyya sana guutuu keessa asii fi achi fiiganii iddoo Yesuus achi jira jechuu dhagaʼan hundumatti dhukkubsattoota sireedhaan baatanii fiduu jalqaban.
MAR 6:56 Iddoo inni dhaqe kam illee jechuunis gandoota, magaalaawwan yookaan baadiyyaa hundatti warra dhukkubsatan fidanii lafa gabaa kaaʼan. Isaanis akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaaruma wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.
MAR 7:1 Fariisotaa fi barsiistota seeraa keessaa warri Yerusaalemii dhufan tokko tokko Yesuus biratti walitti qabamanii
MAR 7:2 barattoota isaa keessaa tokko tokko harka, “Hin qulqulleeffaminiin” jechuunis utuu harka hin dhiqatin buddeena nyaachuu isaanii argan.
MAR 7:3 Sababiin isaas Fariisonni, Yihuudoonni hundinuus duudhaa maanguddootaa eeguuf jedhanii utuu harka hin dhiqatin hin nyaataniitii.
MAR 7:4 Yommuu gabaadhaa galanittis utuu of hin qulqulleessin hin nyaatan. Dudhaa biraa baayʼees kan akka xoofoo dhiquu, okkotee fi huuroo dhiquu ni eegu.
MAR 7:5 Kanaafuu Fariisonnii fi barsiistonni seeraa, “Barattoonni kee qooda harka ‘Hin qulqulleeffaminiin’ nyaatan maaliif akkuma duudhaa maanguddootaatti hin jiraanne?” jedhanii Yesuusin gaafatan.
MAR 7:6 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa fakkeessitoota, Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha: “ ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
MAR 7:7 Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’
MAR 7:8 Isin ajaja Waaqaa dhiiftanii, duudhaa namootaa jabeessitanii eegdu.”
MAR 7:9 Innis ittuma fufee akkana jedheen; “Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Waaqaa tuffachuuf mala gaarii qabdu!
MAR 7:10 Museen, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni;namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’jedheeraatii.
MAR 7:11 Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Waaqaaf kennameera jedhee dubbate,
MAR 7:12 isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif.
MAR 7:13 Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.”
MAR 7:14 Yesuus ammas namoota sana ofitti waamee akkana jedheen; “Isin hundi na dhagaʼaa; kanas hubadhaa.
MAR 7:15 Waan nama keessaa baʼutu nama ‘xureessa’ malee wanni alaa namatti seenee nama ‘xureessuu’ dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. [
MAR 7:16 Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”]
MAR 7:17 Erga inni namoota biraa mana ol seenee booddee barattoonni isaa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan.
MAR 7:18 Innis akkana jedhee gaafate; “Isin hin hubattanii? Akka wanni alaa namatti seenu tokko iyyuu nama ‘xureessuu’ hin dandeenye hin qalbeeffattanii?
MAR 7:19 Wanni sun garaa isaa seenee ergasii dhagna isaa keessaa gad baʼa malee yaada garaaisaa hin seenuutii.” Yesuusis kana jechuudhaan akka nyaanni hundinuu qulqulluu taʼe labse.
MAR 7:20 Innis itti fufee akkana jedhe: “Wanni nama ‘xureessu’ waan nama keessaa baʼuu dha.
MAR 7:21 Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja,
MAR 7:22 doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa.
MAR 7:23 Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’ ”
MAR 7:24 Yesuus iddoo sanaa kaʼee aanaa Xiiroositti qajeele. Mana tokkos ol seene; innis akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu isaa beeku hin barbaanne; garuu dhokachuu hin dandeenye.
MAR 7:25 Dubartiin intalli ishee hafuura xuraaʼaan qabamte tokko akkuma waaʼee isaa dhageesseen dhuftee miilla isaa irratti kufte.
MAR 7:26 Dubartittiinis nama Giriik, kan biyya Sooriyaa keessatti Finiiqeetti dhalatee dha. Isheen akka inni intala ishee keessaa hafuura hamaa sana baasuuf Yesuusin kadhatte.
MAR 7:27 Innis, “Dura ijoolleen haa quuftu; buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedheen.
MAR 7:28 Isheen garuu, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu maaddii jalaa hambaa ijoolleen harcaaftu nyaatuu” jettee deebifteef.
MAR 7:29 Yesuusis, “Jecha kee kanaaf gali; hafuurri hamaan sun intala kee keessaa baʼeera” jedheen.
MAR 7:30 Isheenis yommuu manatti galtetti intalli ishee siree irra ciiftee, hafuurri hamaan sunis keessaa baʼee argatte.
MAR 7:31 Ergasiis Yesuus biyya Xiiroosiitii kaʼee Siidoonaa keessa darbee, kutaa Magaalaa Kurnanii keessa baʼee gara galaana Galiilaa dhufe.
MAR 7:32 Jarri tokkos namicha gurra duudaa fi arrab-didaa tokko isatti fidanii akka inni harka isa irra kaaʼuuf kadhatan.
MAR 7:33 Yesuusis namicha sana tuuta keessaa kophaatti baasee quba isaa gurra namichaa keessa kaaʼe. Hancufa tufees arraba namichaa tuqe.
MAR 7:34 Gara samiis ol ilaalee, hafuura guddaa baafatee, “Eftaah!” jedheen; kana jechuunis “Banami!” jechuu dha.
MAR 7:35 Gurri namichaas yommusuma baname; arrabni isaas hiikamee rakkina tokko malee dubbachuu jalqabe.
MAR 7:36 Yesuusis akka isaan nama tokkotti illee hin himneef namoota sana ajaje. Hammuma inni cimsee isaan ajaje sana, isaanis ittuma caalchisanii odeessan.
MAR 7:37 Warri oduu sana dhagaʼanis akka malee dinqifatanii, “Inni waan hunda gaarii godheera; warri duudaanis akka dhagaʼan, warri arrabni isaanii dubbachuu dides akka dubbatan ni godha” jedhan.
MAR 8:1 Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Yesuusis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe;
MAR 8:2 “Sababii isaan guyyaa sadii na bira turanii waan nyaatan tokko illee hin qabneef, ani namoota kanneeniif garaa nan laafa.
MAR 8:3 Yoo ani agabuu isaanii gad isaan dhiise, isaan karaa irratti ni gaggabu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufaniitii.”
MAR 8:4 Barattoonni isaas deebisanii, “Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?” jedhan.
MAR 8:5 Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Torba” jedhan.
MAR 8:6 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan.
MAR 8:7 Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime.
MAR 8:8 Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban.
MAR 8:9 Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee,
MAR 8:10 barattoota isaa wajjin yommusuma bidiruu yaabbatee biyya Daalmaanutaa dhaqe.
MAR 8:11 Fariisonnis dhufanii Yesuusitti falmuu jalqaban; isa qoruuf jedhaniis mallattoo samii irraa isa irraa barbaadan.
MAR 8:12 Innis hafuura dheeraa baafatee, “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada? Ani dhuguma isinitti hima; mallattoon tokko iyyuu dhaloota kanaaf hin kennamu” jedheen.
MAR 8:13 Innis isaan dhiisee bidiruutti deebiʼee gama ceʼe.
MAR 8:14 Barattoonnis buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qaban sana malee buddeena fudhachuu irraanfatanii turan.
MAR 8:15 Yesuusis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi raacitii Heroodis irraa of eeggadhaa” jedhee isaan akeekkachiise.
MAR 8:16 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin qabneef” jedhanii walii wajjin haasaʼan.
MAR 8:17 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii dudubbattu? Isin amma iyyuu hin argitanii? Yookaan hin hubattanii? Mataa jabaattanii?
MAR 8:18 Isin utuma ija qabdanuu hin argitanii? Utuma gurra qabdanuus hin dhageessanii? Hin yaadattanii?
MAR 8:19 Yeroo ani buddeena shanan sana nama kuma shaniif caccabsetti isin hurraaʼaa gundoo meeqa guutuu kaaftan?” Isaanis, “Kudha lama” jedhaniin.
MAR 8:20 Innis, “Yeroo ani buddeena torba nama kuma afuriif caccabsetti hambaa gundoo meeqa guutuu walitti qabdan?” jedhee gaafate. Isaanis, “Torba” jedhaniin.
MAR 8:21 Innis, “Isin amma iyyuu hin hubattanii?” jedheen.
MAR 8:22 Isaanis Beetisayidaa dhaqan; jarri tokkos namicha jaamaa tokko fidanii akka inni isa qaqqabuuf Yesuusin kadhatan.
MAR 8:23 Innis namicha jaamaa sana harka qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaattis tufee, harka isaas irra kaaʼee, “Waa arguu dandeessaa?” jedhee gaafate.
MAR 8:24 Namichis ol ilaalee, “Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu” jedhe.
MAR 8:25 Yesuus amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge.
MAR 8:26 Yesuusis namichaan, “Gara ganda sanaa seentee waan kana nama tokkotti illee hin himin” jedhee gara mana isaatti isa erge.
MAR 8:27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandoota naannoo Fiiliphoos Qiisaariyaa jiraniitti darban. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee karaa irratti isaan gaafate.
MAR 8:28 Isaanis, “Namoonni tokko tokko, ‘Inni Yohannis Cuuphaa dha’ jedhu; warri kaan, ‘inni Eeliyaas’ jedhu; kaan immoo, ‘inni raajota keessaa isa tokkoo dha’ jedhu” jedhanii deebisan.
MAR 8:29 Innis, “Isin eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate. Phexrosis, “Ati Kiristoos” jedhee deebise.
MAR 8:30 Yesuusis akka isaan waaʼee isaa nama tokkotti illee hin himneef isaan akeekkachiise.
MAR 8:31 Yesuusis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe.
MAR 8:32 Innis waaʼee kanaa ifatti baasee dubbate; Phexrosis kophaatti baasee isa ifachuu jalqabe.
MAR 8:33 Yesuus garuu of irra garagalee barattoota isaa ilaale; Phexrosiinis, “Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhee ifate.
MAR 8:34 Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.
MAR 8:35 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi wangeelaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata.
MAR 8:36 Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata?
MAR 8:37 Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
MAR 8:38 Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”
MAR 9:1 Innis, “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Waaqaa humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman” isaaniin jedhe.
MAR 9:2 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame.
MAR 9:3 Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate.
MAR 9:4 Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaanis Yesuus wajjin haasaʼaa turan.
MAR 9:5 Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe.
MAR 9:6 Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii.
MAR 9:7 Duumessis dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.
MAR 9:8 Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee of biratti hin argine.
MAR 9:9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.
MAR 9:10 Isaanis “warra duʼan keessaa kaʼuun” maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan.
MAR 9:11 Isaanis, “Barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?” jedhanii isa gaafatan.
MAR 9:12 Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan Eeliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree?
MAR 9:13 Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan.”
MAR 9:14 Isaanis yommuu gara barattoota kaanii dhufanitti, namoonni hedduun isaanitti naannaʼanii, barsiistonni seeraa immoo utuu isaanitti falmanuu argan.
MAR 9:15 Namoonni hundinuus akkuma Yesuusin arganiin akka malee dinqifatanii isa dubbisuudhaaf itti fiigan.
MAR 9:16 Innis, “Isin maal isaanitti falmitu?” jedhee isaan gaafate.
MAR 9:17 Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera.
MAR 9:18 Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
MAR 9:19 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa” jedhe.
MAR 9:20 Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Yesuusin argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.
MAR 9:21 Yesuusis, “Wanni kun erga isa qabee hammam ture?” jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Innis akkana jedhe; “Ijoollummaadhaa jalqabee ti.
MAR 9:22 Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari.”
MAR 9:23 Yesuusis, “ ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen.
MAR 9:24 Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye.
MAR 9:25 Yesuusis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, “Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja” jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.
MAR 9:26 Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, “Inni duʼeera” jedhan.
MAR 9:27 Yesuus garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.
MAR 9:28 Erga Yesuus manatti ol galee booddee barattoonni isaa, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii kophaatti isa gaafatan.
MAR 9:29 Innis deebisee, “Inni akkanaa kun kadhannaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu” jedheen.
MAR 9:30 Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Yesuusis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne;
MAR 9:31 sababiin isaas, “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture.
MAR 9:32 Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
MAR 9:33 Isaanis Qifirnaahom dhaqan. Innis yeroo mana keessa turetti, “Isin karaatti maal walitti falmaa turtan?” jedhee isaan gaafate.
MAR 9:34 Isaan garuu eenyu akka nama hundumaa caalu karaatti waan walitti falmaa turaniif ni calʼisan.
MAR 9:35 Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.
MAR 9:36 Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe;
MAR 9:37 “Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu.”
MAR 9:38 Yohannisis, “Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
MAR 9:39 Yesuus garuu akkana jedhe; “Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii.
MAR 9:40 Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii.
MAR 9:41 Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Kiristoos taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.
MAR 9:42 “Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture.
MAR 9:43 Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee gahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [
MAR 9:44 Gahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’]
MAR 9:45 Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee gahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. [
MAR 9:46 Gahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’]
MAR 9:47 Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Waaqaatti galuu siif wayya.
MAR 9:48 Gahaannamis iddoo, “ ‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’
MAR 9:49 Namni hundinuu ibiddaan miʼeeffama.
MAR 9:50 “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa.”
MAR 10:1 Yesuusis achii kaʼee gara biyya Yihuudaatii fi Yordaanos gamaa dhaqe. Amma illee namoonni isa biratti walitti qabaman; innis akkuma bartee isaatti isaan barsiise.
MAR 10:2 Fariisonni dhufanii, “Namni tokko niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafachuudhaan isa qoran.
MAR 10:3 Innis deebisee, “Museen maal isin ajaje?” jedheen.
MAR 10:4 Isaanis, “Namni tokko akka waraqaa ragaa hiikkaa barreesseefii niitii isaa hiiku Museen eeyyameera” jedhan.
MAR 10:5 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee seera kana isiniif barreesse.
MAR 10:6 Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Waaqni, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’
MAR 10:7 ‘Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa;
MAR 10:8 lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti.
MAR 10:9 Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.”
MAR 10:10 Utuu ammas mana jiranuu barattoonni waaʼee dubbii kanaa Yesuusin gaafatan.
MAR 10:11 Innis akkana jedhee deebiseef; “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ishee irratti ejja raawwata.
MAR 10:12 Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti.”
MAR 10:13 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf ijoollee xixinnoo Yesuusitti fidaa turan; barattoonni garuu isaan ifatan.
MAR 10:14 Yesuus yommuu waan kana argetti aaree akkana isaaniin jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.
MAR 10:15 Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
MAR 10:16 Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise.
MAR 10:17 Akkuma Yesuus deemuuf karaa qabateen namichi tokko fiigaa dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate.
MAR 10:18 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.
MAR 10:19 Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; hin gowwoomsin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
MAR 10:20 Namichis, “Yaa barsiisaa, ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe.
MAR 10:21 Yesuus namicha ilaalee isa jaallatee, “Waan tokkotu si duraa hirʼata; dhaqiitii waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii irratti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen.
MAR 10:22 Kana irratti fuulli namichaa ni geeddarame. Inni gaddee achii deeme; qabeenya guddaa qaba tureetii.
MAR 10:23 Yesuusis naannoo isaa ilaalee barattoota isaatiin, “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!” jedhe.
MAR 10:24 Barattoonnis dubbii isaa ni dinqisiifatan. Yesuus garuu ammas akkana jedheen; “Ijoolle, mootummaa Waaqaatti galuun akkam rakkisaa dha!
MAR 10:25 Namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
MAR 10:26 Barattoonnis akka malee raajeffatanii, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” waliin jedhan.
MAR 10:27 Yesuusis isaan ilaalee, “Kun garuu Waaqaaf malee namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii” jedhe.
MAR 10:28 Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra!” jedhe.
MAR 10:29 Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi wangeelaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu,
MAR 10:30 kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru.
MAR 10:31 Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa, warri dhumaa immoo warra jalqabaa ni taʼu.”
MAR 10:32 Isaanis Yerusaalemitti ol baʼuuf jedhanii karaa irra turan; Yesuus immoo isaan dura deemaa ture; barattoonnis ni dinqisiifatan; warri duukaa buʼaa turan immoo ni sodaatan. Yesuus amma illee warra kudha lamaan kophaatti baasee waan isatti dhufuuf jiru isaanitti hime.
MAR 10:33 Akkanas jedhe; “Kunoo, nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akkasumas dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu;
MAR 10:34 isaanis isatti qoosu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. Inni garuu guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa.”
MAR 10:35 Ilmaan Zabdewoos jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis gara Yesuus dhufanii, “Yaa Barsiisaa, akka ati waan nu si kadhannu kam iyyuu nuu gootu barbaanna” jedhan.
MAR 10:36 Innis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedheen.
MAR 10:37 Isaanis deebisanii, “Yeroo ulfina keetiitti, tokkoon keenya mirga keetiin, tokkoon keenya immoo bitaa keetiin akka teenyuuf nuuf eeyyami” jedhanii deebisan.
MAR 10:38 Yesuusis, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhugu, dhuguu yookaan cuuphaa ani cuuphamu, cuuphamuu ni dandeessuu?” jedheen.
MAR 10:39 Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan. Yesuusis akkana jedheen; “Xoofoo ani dhugu ni dhugdu; cuuphaa ani cuuphamus ni cuuphamtu;
MAR 10:40 garuu mirga koo yookaan bitaa koo taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra isaaniif jedhamee qopheeffame sanaa ti.”
MAR 10:41 Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti Yaaqoobii fi Yohannisitti aaran.
MAR 10:42 Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka warri akka bulchitoota Namoota Ormaatti ilaalaman sun isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.
MAR 10:43 Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;
MAR 10:44 namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha nama hundaa taʼuu qaba.
MAR 10:45 Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
MAR 10:46 Isaanis Yerikoo dhufan. Utuu Yesuus barattoota isaatii fi tuuta namootaa guddaa isaa wajjin Yerikoodhaa baʼaa jiruu, namichi jaamaan Barxiimewos jedhamu ilmi Ximeewos karaa irra taaʼee kadhachaa ture.
MAR 10:47 Barxiimewosis yommuu akka inni Yesuus isa Naazreeti taʼe dhagaʼetti, “Yesuus, yaa ilma Daawit na maari!” jedhee iyyuu jalqabe.
MAR 10:48 Namoonni baayʼeen akka inni calʼisuuf ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
MAR 10:49 Yesuusis dhaabatee, “Isa waamaa” jedhe. Isaanis, “Jabaadhu! Kaʼi inni si waamaatii” jedhanii namicha jaamaa sana waaman.
MAR 10:50 Innis wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼee gara Yesuus dhufe.
MAR 10:51 Yesuusis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate. Namichi jaamaan sunis, “Yaa barsiisaa, ani arguun barbaada” jedheen.
MAR 10:52 Yesuusis, “Amantiin kee si fayyiseeraa deemi” jedheen. Innis yeruma sana argee karaa irra buʼee Yesuus duukaa buʼe.
MAR 11:1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii, Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen Tulluu Ejersaa biraa sana gaʼaniin Yesuus Barattoota isaa keessaa lama erge;
MAR 11:2 akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu; isa hiikaatii as fidaa.
MAR 11:3 Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif waan kana gootu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada; dafees deebisee ni erga’ jedhaa.”
MAR 11:4 Isaanis dhaqanii ilmoo harree kan balbala duratti, karaa irratti hidhame tokko argan. Akkuma isaan hiikaniinis,
MAR 11:5 namoonni achi dhadhaabachaa turan tokko tokko, “Maal gochuuf ilmoo harree sana hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan.
MAR 11:6 Isaanis akkuma Yesuus isaaniin jedhe sanatti deebisaniif; namoonni sunis akka isaan deeman isaan dhiisan.
MAR 11:7 Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe.
MAR 11:8 Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan.
MAR 11:9 Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”
MAR 11:10 “Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu sun eebbifamaa dha!” “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!”
MAR 11:11 Yesuusis Yerusaalem seenee mana qulqullummaatti ol gale. Gara galees waan hundumaa ilaale; sababii galgalaaʼee tureefis warra Kudha Lamaan wajjin baʼee Biitaaniyaa dhaqe.
MAR 11:12 Guyyaa itti aanutti utuu Biitaaniyaadhaa baʼanuu Yesuus beelaʼe.
MAR 11:13 Innis muka harbuu baala qabu tokko fagootti argee ija qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa ilaaluu dhaqe. Garuu waan yeroon sun waqtii harbuu hin taʼiniif inni yommuu muka sana bira gaʼetti baala malee waa tokko illee hin arganne.
MAR 11:14 Yesuusis muka sanaan, “Namni tokko iyyuu deebiʼee ija sirraa hin nyaatin” jedhe. Barattoonni isaas ni dhagaʼan.
MAR 11:15 Yommuu Yerusaalem gaʼanittis Yesuus mana qulqullummaa seenee warra achitti bitatanii fi gurguratan ariʼuu jalqabe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche.
MAR 11:16 Akka namni tokko iyyuu waan tokko illee baatee mana qulqullummaa keessa darbus hin eeyyamne.
MAR 11:17 Innis akkana jedhee isaan barsiise; “ ‘Manni koo saba hundumaaf mana kadhannaa ni jedhama’jedhamee hin barreeffamnee? Isin garuu ‘Holqa saamtotaa’gootaniirtu.”
MAR 11:18 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan kana dhagaʼanii karaa ittiin isa ajjeesan barbaaduu jalqaban; isaan sababii namoonni hundinuu barsiisa isaa dinqisiifataniif isa sodaatanii turaniitii.
MAR 11:19 Isaanis yommuu galgalaaʼetti magaalaa sana keessaa baʼan.
MAR 11:20 Isaanis ganamaan utuu karaa sana darbanuu akka mukti harbuu sun hidda isaatii jalqabee goge argan.
MAR 11:21 Phexrosis yaadatee Yesuusiin, “Yaa barsiisaa ilaa! Harbuun ati abaarte sun gogeera!” jedhe.
MAR 11:22 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Waaqatti amanaa.
MAR 11:23 Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf.
MAR 11:24 Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.
MAR 11:25 Yeroo kadhachuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii. [
MAR 11:26 Yoo dhiisuufii baattan garuu Abbaan keessan inni samii irraas cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”]
MAR 11:27 Isaanis deebiʼanii gara Yerusaalem dhufan; utuu Yesuus mana qulqullummaa keessa deddeebiʼaa jiruu luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni gara isaa dhufan.
MAR 11:28 Isaanis, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Akka wantoota kanneen hojjettuufis eenyutu taayitaa siif kenne?” jedhaniin.
MAR 11:29 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo deebii naaf kennaa; anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.
MAR 11:30 Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe? Mee natti himaa!”
MAR 11:31 Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata;
MAR 11:32 Yookaan, ‘Nama biraa dhufe’ jennuu?” jedhan. Sababii namni hundinuu dhugumaan Yohannisin akka raajiitti ilaaleef uummata sodaatan.
MAR 11:33 Kanaaf isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
MAR 12:1 Yesuusis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis iddoo dhaabaa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.
MAR 12:2 Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka inni ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa fiduufiif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate.
MAR 12:3 Isaan garuu qabanii, tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
MAR 12:4 Ammas garbicha biraa isaanitti ergate; isaanis mataa isaa buruqsanii isa qaanessan.
MAR 12:5 Amma illee garbicha biraa ergate; isas ni ajjeesan. Garboota biraa baayʼees ergate; isaanis gartokko ni tuman; kaan immoo ni ajjeesan.
MAR 12:6 “Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate.
MAR 12:7 “Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan.
MAR 12:8 Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan.
MAR 12:9 “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal godhinna laata? Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.
MAR 12:10 Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha: “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera;
MAR 12:11 kanas Gooftaatu godhe; kunis ija keenyatti dinqii dha.’”
MAR 12:12 Isaanis akka inni isaaniin mormuudhaan fakkeenya sana dubbate waan beekaniif isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan; kanaafuu isa dhiisanii qajeelan.
MAR 12:13 Ergasii waan inni dubbatuun isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi garee Heroodis keessaa jara tokko Yesuusitti ergan.
MAR 12:14 Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?
MAR 12:15 Haa baasnu moo haa dhiifnuu?” Yesuus garuu fakkeessitummaa isaanii beekee, “Isin maaliif na qortu? Mee diinaariitokko natti fidaa nan ilaalaa” jedheen.
MAR 12:16 Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan.
MAR 12:17 Kana irratti Yesuus, “Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen. Isaanis isa dinqifatan.
MAR 12:18 Ergasii Saduuqonni, duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan gara Yesuus dhufanii akkana jedhanii gaaffii tokko isa gaafatan;
MAR 12:19 “Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Museen nuu barreesseera.
MAR 12:20 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
MAR 12:21 Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe.
MAR 12:22 Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
MAR 12:23 Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
MAR 12:24 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii?
MAR 12:25 Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
MAR 12:26 Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Waaqni Kitaaba Musee keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee?
MAR 12:27 Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti. Isin akka malee dogoggortaniirtu!”
MAR 12:28 Barsiistota seeraa keessaa inni tokko dhufee wal falmuu isaanii dhagaʼe. Innis akka Yesuus deebii gaarii isaaniif kenne hubatee, “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kami?” jedhee isa gaafate.
MAR 12:29 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqayyo Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha.
MAR 12:30 Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’
MAR 12:31 Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru.”
MAR 12:32 Barsiisaan seeraa sunis akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ati dhugaa jette; Waaqa tokkicha malee Waaqni biraa hin jiruutii.
MAR 12:33 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala.”
MAR 12:34 Yesuusis yommuu akka inni hubannaadhaan deebise argetti, “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Ergasii namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
MAR 12:35 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu akkana jedhee gaafate; “Barsiistonni seeraa maaliif Kiristoos ilma Daawit jedhu?
MAR 12:36 Daawit mataan isaa iyyuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhe: “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin, “Hamma ani diinota kee, miilla kee jala siif galchutti, gara mirga koo taaʼi.” ’
MAR 12:37 Daawit mataan isaa iyyuu ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?” Tuunni guddaan sunis gammachuudhaan isa dhagaʼe.
MAR 12:38 Yesuusis utuu barsiisuu akkana jedhe; “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu;
MAR 12:39 manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
MAR 12:40 Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
MAR 12:41 Yesuusis fuullee iddoo kennaan kaaʼamuu taaʼee namoota maallaqa isaanii miʼa buusii keessa buusan ilaala ture. Sooreyyiin baayʼeenis maallaqa baayʼee miʼa sana keessa buusaa turan.
MAR 12:42 Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tokko dhuftee saantima sibiila diimaa xixinnoo lama kan gatiin isaa gara saantima tokkoo taʼe miʼa sana keessa buufte.
MAR 12:43 Yesuusis barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra miʼa buusii kana keessa kennaa buusan hunda caalaa buufteerti.
MAR 12:44 Isaan hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan hunda, waan ittiin jiraattu hunda kennite.”
MAR 13:1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼaa jiruu barattoota isaa keessaa inni tokko, “Yaa Barsiisaa! Dhagaawwan gurguddaa kanneenii fi gamoowwan babbareedoo kanneen mee ilaali!” jedheen.
MAR 13:2 Yesuusis, “Gamoowwan gurguddaa kanneen argitaa? Ni diigama malee asitti dhagaan dhagaa irratti hin hafu” jedheen.
MAR 13:3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra fuullee mana qulqullummaa taaʼee jiruu Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indiriiyaas akkana jedhanii kophaatti isa gaafatan;
MAR 13:4 “Mee nutti himi; wantoonni kunneen yoom taʼu? Mallattoon yeroo wantoonni kunneen hundi itti raawwatamanii maali?”
MAR 13:5 Yesuusis akkana isaaniin jechuu jalqabe; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.
MAR 13:6 Namoonni hedduun, ‘Ani isa’ jechaa maqaa kootiin ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.
MAR 13:7 Isin yommuu waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa dhageessanitti hin rifatinaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.
MAR 13:8 Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
MAR 13:9 “Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu.
MAR 13:10 Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba.
MAR 13:11 Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti.
MAR 13:12 “Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.
MAR 13:13 Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
MAR 13:14 “ ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’sun iddoo isaaf hin malle dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.
MAR 13:15 Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee fudhachuuf gad hin buʼin yookaan mana hin seenin.
MAR 13:16 Namni lafa qotiisaa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.
MAR 13:17 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!
MAR 13:18 Kunis akka gannakeessa hin taaneef kadhadhaa.
MAR 13:19 Guyyoota sana keessa dhiphinni jalqaba uumama Waaqni uumee kaasee hamma ammaatti hin dhufin, kan gara fuula duraattis hin dhufne ni dhufaatii.
MAR 13:20 “Utuu Gooftaan guyyoota sana gabaabsuu baatee silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture. Garuu inni sababii filatamtoota filateetiif jedhee guyyoota sana gabaabseera.
MAR 13:21 Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Ilaa, inni achi jira!’ isiniin jedhe hin amaninaa.
MAR 13:22 Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef, filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo fi dinqii ni hojjetu.
MAR 13:23 Isin garuu of eeggadhaa! Ani waan hunda duraan dursee isinitti himeera.
MAR 13:24 “Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee, “ ‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu;
MAR 13:25 urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’
MAR 13:26 “Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu.
MAR 13:27 Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.
MAR 13:28 “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.
MAR 13:29 Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.
MAR 13:30 Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
MAR 13:31 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
MAR 13:32 “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.
MAR 13:33 Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii.
MAR 13:34 Innis nama garboota isaatti taayitaa kennee, tokkoo tokkoo isaaniittis hojii isaa kennee, akka garbichi karra eegu immoo dammaqee eegu ajajee, mana isaa dhiisee karaa dheeraa deeme tokko fakkaata.
MAR 13:35 “Kanaafuu isin dammaqaa; yeroo itti abbaan mana sanaa deebiʼu, jechuunis galgala yookaan halkan walakkaa yookaan iyya indaanqoo yookaan barii obboroo taʼuu isaa hin beektaniitii.
MAR 13:36 Kunis akka inni akkuma tasaa dhufee utuu raftanuus isin hin arganneef.
MAR 13:37 Ani waanan isiniin jedhu nama hundumaan nan jedha; ‘dammaqaa!’ ”
MAR 14:1 Egaa Faasiikaa fi Ayyaana Maxinootiif guyyaa lama qofatu hafe; luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa haxxummaadhaan Yesuusin qabanii ajjeesuuf mariʼachaa turan.
MAR 14:2 Isaanis, “Garuu akka namoonni goolii hin kaafneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
MAR 14:3 Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
MAR 14:4 Namoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif?
MAR 14:5 Silaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman.
MAR 14:6 Yesuus garuu akkana jedhe; “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
MAR 14:7 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
MAR 14:8 Isheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo awwaalaaf dibde.
MAR 14:9 Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
MAR 14:10 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa tokko, Yihuudaa Keeriyotichi, Yesuusin dabarsee isaanitti kennuuf jedhee gara luboota hangafootaa dhaqe.
MAR 14:11 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii, maallaqa isaaf kennuuf waadaa galan. Kanaafuu Yihuudaan dabarsee isa kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
MAR 14:12 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinoo, yeroo itti hoolaan Faasiikaa qalamutti barattoonni Yesuus, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf nu eessa dhaqnee akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
MAR 14:13 Innis barattoota isaa keessaa nama lama erge; akkanas isaaniin jedhe; “Magaalaa seenaa; namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa; isa duukaa buʼaa.
MAR 14:14 Abbaa mana namichi sun seenuutiinis, ‘Barsiisaan, manni keessumaa ko, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessa? jedhee gaafata’ jedhaa.
MAR 14:15 Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miidhagfamee qopheeffame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti nuuf qopheessaa.”
MAR 14:16 Barattoonnis kaʼanii magaalaa sana seenanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
MAR 14:17 Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin achi gaʼe.
MAR 14:18 Utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu Yesuus, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko, kan amma na wajjin nyaachuutti jiru dabarsee na kenna” jedheen.
MAR 14:19 Isaanis gaddanii, tokko tokkoon, “Na taʼinnaa laata?” jechuu jalqaban.
MAR 14:20 Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sun warra kudha Lamaan keessaa tokkoo dha. Innis isa na wajjin gabatee keessaa cuuphatuu dha.
MAR 14:21 Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
MAR 14:22 Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa; kun foon koo ti” jedhee isaaniif kenne.
MAR 14:23 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; hundi isaaniis xoofoo sana irraa dhugan.
MAR 14:24 Innis akkana isaaniin jedhe; “Kun dhiiga ko, dhiiga kakuu haaraa kan namoota baayʼeef dhangalaafamuu dha.
MAR 14:25 Ani dhuguma isinitti nan hima; ani hamman guyyaa sana mootummaa Waaqaa keessatti deebiʼee dhugutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu.”
MAR 14:26 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
MAR 14:27 Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Ani tiksee nan rukuta; hoolonnis ni bittinneeffamu.’
MAR 14:28 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
MAR 14:29 Phexros garuu, “Yoo namni hundinuu gufate iyyuu ani hin gufadhu” jedheen.
MAR 14:30 Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati harʼa, edanuma utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, yeroo sadii na ganta” jedheen.
MAR 14:31 Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedhee jabeessee dubbate. Hundi isaaniis akkasuma jedhan.
MAR 14:32 Isaanis iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqan; Yesuusis barattoota isaatiin, “Hamma ani kadhadhutti isin as taaʼaa” jedhe.
MAR 14:33 Innis Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin of faana fudhatee, akka malee dhiphachuu fi yaaddaʼuus jalqabe.
MAR 14:34 Innis, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii dammaqaa” jedheen.
MAR 14:35 Innis xinnoo achi hiiqee lafatti gombifamee, yoo dandaʼame akka saʼaatiin sun isa irra darbituuf kadhate.
MAR 14:36 Innis, “Aabbaa,yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhe.
MAR 14:37 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Simoon, ati amma illee inuma raftaa? Saʼaatii tokkittii illee dammaquu hin dandeenyee?
MAR 14:38 Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
MAR 14:39 Ammas achi hiiqee waanuma duraan kadhate sana kadhate.
MAR 14:40 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. Isaanis akka maal jedhanii deebisaniif hin beekne.
MAR 14:41 Yeroo sadaffaas deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Ni gaʼa! Saʼaatiin sun gaʼeera. Kunoo, Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
MAR 14:42 Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
MAR 14:43 Utuma inni dubbachaa jiruus, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafoota, barsiistota seeraatii fi maanguddoota biraa ergames goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
MAR 14:44 Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaatii eegaa isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
MAR 14:45 Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Yaa Barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
MAR 14:46 Namoonni sun Yesuusin qabanii hidhan.
MAR 14:47 Warra achi dhadhaabachaa turan keessaa inni tokko garuu goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
MAR 14:48 Yesuusis akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii?
MAR 14:49 Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa isin wajjin ture; isinis na hin qabne. Garuu Katabbiiwwan Qulqulluun raawwatamuu qabu.”
MAR 14:50 Isaan hundinuus isa dhiisanii baqatan.
MAR 14:51 Dargaggeessi tokkos uffata quncee talbaa irraa hojjetame tokko qullaa isaa irra buufatee Yesuus faana deemaa ture. Yeroo isa qabanittis,
MAR 14:52 dargaggeessi sun uffata isaa dhiisee, qullaa isaa harkaa baʼe.
MAR 14:53 Isaanis Yesuusin luba ol aanaatti geessan; luboonni hangafoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa hundinuu walitti qabaman.
MAR 14:54 Phexrosis hamma dallaa luba ol aanaa keessaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waardiyyoota wajjin ibidda bira taaʼee qaqqaammachaa ture.
MAR 14:55 Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne.
MAR 14:56 Namoonni baayʼeen sobaan isatti dhugaa baʼan; dhuga baʼumsi isaanii garuu tokko hin taane.
MAR 14:57 Tokko tokko immoo kaʼanii akkana jedhaanii sobaan isatti dhugaa baʼan:
MAR 14:58 “ ‘Mana qulqullummaa kan harka namaatiin ijaarame kana diigee kan biraa kan harka namaatiin hin ijaaramin guyyaa sadii keessatti deebisee nan ijaara’ jechuu isaa dhageenyeerra.”
MAR 14:59 Haa taʼuu malee dhuga baʼumsi isaanii amma illee tokko hin taane.
MAR 14:60 Lubichi ol aanaanis kaʼee fuula isaanii dura dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate.
MAR 14:61 Yesuus garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine. Lubichi ol aanaan ammas, “Kiristoos Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?” jedhee isa gaafate.
MAR 14:62 Yesuusis, “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
MAR 14:63 Lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa?
MAR 14:64 Waaqa arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?” Hundi isaaniis duʼatu isaaf mala jedhanii isatti muran.
MAR 14:65 Namoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan.
MAR 14:66 Utuu Phexros dallaa sana keessa gara gadii jiruu xomboreewwan luba ol aanaa keessaa tokko dhufte.
MAR 14:67 Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argite; hubattees isa ilaalte. Isheenis, “Atis Yesuus nama Naazreeti sana wajjin turte” jetteen.
MAR 14:68 Inni garuu, “Ani waan ati jettu hin beeku; naaf hin galus” jedhee gane. Karra dallaatiinis gad baʼe; indaanqoonis ni iyye.
MAR 14:69 Xomboreen sun ammas isa argitee warra achi dhadhaabataniin, “Namichi kun jara keessaa tokkoo dha” jette.
MAR 14:70 Inni garuu ammas ni gane. Yeroo xinnoo booddee immoo warri achi dhadhaabachaa turan Phexrosiin, “Atis nama Galiilaa waan taateef dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha!” jedhaniin.
MAR 14:71 Innis, “Ani namicha isin waaʼee isaa dubbattan kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.
MAR 14:72 Yommusuma indaanqoon lammata iyye. Phexrosis dubbii Yesuus, “Utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, ati yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadatee booʼe.
MAR 15:1 Ganama barii luboonni hangafoonni, maanguddoota, barsiistota seeraatii fi guutummaa yaaʼii Yihuudootaa wajjin mariʼatanii Yesuusin hidhanii, geessanii Phiilaaxoositti dabarsanii kennan.
MAR 15:2 Phiilaaxoosis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
MAR 15:3 Luboonni hangafoonni waan baayʼeedhaan isa himatan.
MAR 15:4 Phiilaaxoos amma illee, “Ati deebii hin kennituu? Isaan waan meeqaan akka si himatan mee ilaali” jedhee isa gaafate.
MAR 15:5 Yesuus garuu amma illee deebii tokko iyyuu hin kennine; Phiilaaxoosis ni dinqisiifate.
MAR 15:6 Innis nama hidhame kan sabni gaafate tokko Guyyaa Ayyaanaa hunda gad dhiisa ture.
MAR 15:7 Namichi Barabbaas jedhamu tokko finciltoota goolii kaasanii nama ajjeesan wajjin mana hidhaa keessa ture.
MAR 15:8 Uummanni sunis Phiilaaxoos bira dhaqee akka inni waan duraan gochaafii ture sana isaanii godhu isa kadhate.
MAR 15:9 Phiilaaxoos garuu, “Akka ani mootii Yihuudootaa gad isinii dhiisu barbaadduu?” jedhee gaafate;
MAR 15:10 inni akka luboonni hangafoonni hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
MAR 15:11 Luboonni hangafoonni garuu akka Phiilaaxoos qooda Yesuus Barabbaasin gad dhiisu akka isa kadhataniif namoota kakaasan.
MAR 15:12 Phiilaaxoosis, “Yoos namicha isin mootii Yihuudootaa jettaniin kana maal godhu ree?” jedhee amma illee isaan gaafate.
MAR 15:13 Isaan amma illee, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
MAR 15:14 Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
MAR 15:15 Kanaafuu Phiilaaxoos namoota gammachiisuuf jedhee Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
MAR 15:16 Ergasii loltoonni Yesuusin mana bulchaatti, jechuunis Piraayitooriyoonitti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman.
MAR 15:17 Uffata dhiilgee itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan.
MAR 15:18 Isaanis, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban.
MAR 15:19 Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif.
MAR 15:20 Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
MAR 15:21 Isaanis namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufee achiin darbaa jiruu arganii akka inni fannoo Yesuus baatuuf isa dirqisiisan. Namichi kunis abbaa Iskindiroosii fi Ruufoosii ti.
MAR 15:22 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamutti Yesuusin geessan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha.
MAR 15:23 Jarris akka inni daadhii wayinii kan qumbiin walitti makame dhuguuf kennaniif; inni garuu fudhachuu dide.
MAR 15:24 Isaanis isa fannisan. Uffata isaas gargar qoodatanii tokkoon tokkoon namaa maal akka argatu murteessuuf ixaa buufatan.
MAR 15:25 Yeroon isaan itti isa fannisanis ganama saʼaatii sadii ture.
MAR 15:26 Katabbiin waan inni ittiin himatamee kan, Mooticha Yihuudootaa, jedhu mataa isaatiin ol ture.
MAR 15:27 Hattoota lamas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannisan. [
MAR 15:28 Kanaanis dubbiin kitaabni, “Inni akka seera cabsitootaatti lakkaaʼame” jedhu sun ni raawwatame.]
MAR 15:29 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, “Muu! Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu,
MAR 15:30 mee fannoo irraa gad buʼiitii of oolchi!” jedhan.
MAR 15:31 Akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa wajjin itti qoosan. Akkanas jedhan; “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu!
MAR 15:32 Akka nu arginee amannuuf Kiristoos mootichi Israaʼel kun mee amma fannoo irraa gad haa buʼu.” Warri isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
MAR 15:33 Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe.
MAR 15:34 Saʼaatii sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee! Eloohee!Laamaa Sabaqtaanii?” jedhee iyye. Hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko! Yaa Waaqa ko! Ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
MAR 15:35 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Ilaa, inni Eeliyaasin waamaa” jedhan.
MAR 15:36 Namichi tokkos fiigee, ispoonjii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kennee, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee gad isa buusu arginaatii” jedhe.
MAR 15:37 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee hafuura dhumaa baafate.
MAR 15:38 Golgaan mana qulqullummaas olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe.
MAR 15:39 Ajajaan dhibbaa kan fuula Yesuus dura dhaabachaa tures yommuu iyyuu Yesuus dhagaʼee akka inni itti hafuura dhumaa baafate argetti, “Dhugumaanuu namichi kun Ilma Waaqaa ture!” jedhe.
MAR 15:40 Dubartoonni tokko tokkos fagoodhaa ilaalaa turan. Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuutii fi Yoosaa akkasumas Saloomee turan.
MAR 15:41 Isaanis yeroo inni Galiilaa turetti isa duukaa buʼanii isa tajaajilaa turan. Dubartoonni isa wajjin Yerusaalemitti ol baʼan baayʼeen kaanis achi turan.
MAR 15:42 Guyyaan sun Guyyaa Qophii jechuunis guyyaa Sanbataan duraa ture. Yommuu galgalaaʼettis,
MAR 15:43 Yoosef namni Armaatiyaa, miseensi yaaʼii beekamaan kan mataan isaa mootummaa Waaqaa eeggachaa ture tokko ija jabinaan gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate.
MAR 15:44 Phiilaaxoosis yommuu akka inni duʼe dhagaʼetti ni dinqifate. Ajajaa dhibbaa sanas ofitti waamee Yesuus erga duʼee turuu fi turuu baachuu isaa gaafate.
MAR 15:45 Akka inni duʼes ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee booddee reeffa sana Yoosefiif kenne.
MAR 15:46 Yoosefis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame bitee, reeffa sana gad buusee, huccuu sanaan kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotate keessa kaaʼe. Dhagaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee cufe.
MAR 15:47 Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam haati Yoosaa lafa inni kaaʼame ni argan.
MAR 16:1 Erga Sanbanni darbee booddee Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Saloomeen dhaqanii reeffa Yesuus dibuuf jedhanii urgooftuu bitan.
MAR 16:2 Isaanis guyyaa jalqaba torbaan sanaa ganama barii, akkuma biiftuun baateen gara awwaalaa dhaqan;
MAR 16:3 isaanis, “Eenyutu balbala awwaalaa irraa dhagaa sana nuu gangalcha?” waliin jedhan.
MAR 16:4 Yommuu milʼatanii ilaalanitti garuu akka dhagaan baayʼee guddaan sun afaan awwaalaa irraa gangalfame argan.
MAR 16:5 Isaanis awwaala keessa seenanii dargaggeessa uffata adii uffate tokko karaa mirgaatiin taaʼee arganii rifatan.
MAR 16:6 Innis akkana isaaniin jedhe; “Hin rifatinaa! Isin Yesuus Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa.
MAR 16:7 Garuu dhaqaatii barattoota isaatii fi Phexrositti, ‘Inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Akkuma isinitti hime sanas achitti isa ni argitu’ jedhaatii himaa.”
MAR 16:8 Dubartoonni sunis hollachaa fi dinqisiifachaa gad baʼanii awwaalicha biraa baqatan. Sababii sodaataniifis nama tokkotti illee homaa hin himne. [
MAR 16:9 Yesuusis barii guyyaa jalqaba torban sanaa yeroo duʼaa kaʼetti duraan dursee Maariyaam ishee Magdalaatti mulʼate; Maariyaam kunis kan inni hafuurota hamoo torba ishee keessaa baasee turee dha.
MAR 16:10 Isheenis dhaqxee utuu warri isa wajjin turan wawwaachuu fi booʼuutti jiranuu isaanitti himte.
MAR 16:11 Isaan garuu yommuu akka Yesuus jiraataa taʼee fi akka isheen isa argite dhagaʼanitti waan sana hin amanne.
MAR 16:12 Ergasiis isaan keessaa utuu namoonni lama baadiyyaa dhaqaa jiranuu Yesuus bifa biraatiin isaanitti mulʼate.
MAR 16:13 Jarris deebiʼanii warra hafanitti himan; isaan garuu warra kanas hin amanne.
MAR 16:14 Ergasiis Yesuus utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu warra Kudha Tokkotti mulʼate; innis sababii isaan warra erga inni duʼaa kaʼe isa argan sana amanuu didaniif, amantii dhabuu isaaniitii fi mata jabina isaaniitiif isaan ifate.
MAR 16:15 Innis akkana isaaniin jedhe; “Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa.
MAR 16:16 Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.
MAR 16:17 Mallattoon kunis warra amanan irraa mulʼata; isaan maqaa kootiin hafuurota hamoo baasu; afaan haaraadhaan dubbatu;
MAR 16:18 harka isaaniitiin bofa ni qabu; yoo summii nama ajjeesu dhugan isaan hin miidhu; harka isaanii namoota dhukkubsatan irra ni kaaʼu; namoonnis ni fayyu.”
MAR 16:19 Yesuus Gooftaan erga isaanitti dubbatee booddee samiitti ol fudhatamee gara mirga Waaqaatiin taaʼe.
MAR 16:20 Barattoonnis achii baʼanii iddoo hundatti lallaban; Gooftaanis isaan wajjin hojjechaa ture; dubbii isaas dinqiiwwan hojjetamaniin ni mirkaneessa ture.]
LUK 1:1 Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru;
LUK 1:2 kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti.
LUK 1:3 Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera.
LUK 1:4 Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.
LUK 1:5 Bara Heroodis mootii Yihuudaa turetti ramaddii lubummaa Abiyaa keessaa luba Zakkaariyaas jedhamu tokkotu ture; niitiin isaa Elsaabeexis sanyii Aroon.
LUK 1:6 Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan.
LUK 1:7 Garuu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan.
LUK 1:8 Zakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu,
LUK 1:9 akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame.
LUK 1:10 Yeroo ixaanni aarfamuttis namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan.
LUK 1:11 Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate.
LUK 1:12 Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate.
LUK 1:13 Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi.
LUK 1:14 Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu;
LUK 1:15 inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama.
LUK 1:16 Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa.
LUK 1:17 Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.”
LUK 1:18 Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate.
LUK 1:19 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera.
LUK 1:20 Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.”
LUK 1:21 Uummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture.
LUK 1:22 Garuu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye.
LUK 1:23 Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe.
LUK 1:24 Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane.
LUK 1:25 Isheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette.
LUK 1:26 Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame;
LUK 1:27 innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture.
LUK 1:28 Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe.
LUK 1:29 Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde.
LUK 1:30 Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii.
LUK 1:31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta.
LUK 1:32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf;
LUK 1:33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.”
LUK 1:34 Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte.
LUK 1:35 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama.
LUK 1:36 Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti.
LUK 1:37 Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”
LUK 1:38 Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
LUK 1:39 Yeroo sana Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe.
LUK 1:40 Isheenis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte.
LUK 1:41 Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte.
LUK 1:42 Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha.
LUK 1:43 Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame?
LUK 1:44 Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera.
LUK 1:45 Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!”
LUK 1:46 Maariyaamis akkana jette: “Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;
LUK 1:47 hafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada;
LUK 1:48 inni salphina garbittii isaa argeeraatii. Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;
LUK 1:49 Inni humna qabeessi sun waan guddaa naa godheeraatii; maqaan isaa qulqulluu dha.
LUK 1:50 Araarri isaas warra isa sodaataniif dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.
LUK 1:51 Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera; of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera.
LUK 1:52 Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera; gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.
LUK 1:53 Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera; sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.
LUK 1:54 Inni araara qabeessa taʼuu isaa yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;
LUK 1:55 kunis akkuma inni abbootii keenyaaf, Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti.”
LUK 1:56 Maariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite.
LUK 1:57 Elsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse.
LUK 1:58 Olloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan.
LUK 1:59 Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan.
LUK 1:60 Haati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette.
LUK 1:61 Isaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin.
LUK 1:62 Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan.
LUK 1:63 Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan.
LUK 1:64 Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe.
LUK 1:65 Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame.
LUK 1:66 Warri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii.
LUK 1:67 Zakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate:
LUK 1:68 “Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
LUK 1:69 Inni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera;
LUK 1:70 akkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti
LUK 1:71 diinota keenya jalaa, harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee
LUK 1:72 araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf, kakuu isaa qulqulluu,
LUK 1:73 inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf,
LUK 1:74 harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf, akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf,
LUK 1:75 akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan, fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.
LUK 1:76 “Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta; ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii;
LUK 1:77 kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa saba isaatiif kennituuf;
LUK 1:78 sababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu,
LUK 1:79 warra dukkana keessa, gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf; miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf.”
LUK 1:80 Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate.
LUK 2:1 Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe.
LUK 2:2 Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame.
LUK 2:3 Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.
LUK 2:4 Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe.
LUK 2:5 Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe.
LUK 2:6 Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe.
LUK 2:7 Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
LUK 2:8 Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture.
LUK 2:9 Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan.
LUK 2:10 Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.
LUK 2:11 Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha.
LUK 2:12 Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.”
LUK 2:13 Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan;
LUK 2:14 “Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf, lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu.”
LUK 2:15 Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
LUK 2:16 Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan.
LUK 2:17 Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan;
LUK 2:18 warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan.
LUK 2:19 Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte.
LUK 2:20 Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.
LUK 2:21 Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura ergamaan Waaqaa isaaf baaseen Yesuus jedhamee moggaafame.
LUK 2:22 Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan.
LUK 2:23 Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”
LUK 2:24 Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.
LUK 2:25 Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.
LUK 2:26 Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture.
LUK 2:27 Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti,
LUK 2:28 Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:
LUK 2:29 “Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti, ati garbicha kee amma nagaan geggeessis.
LUK 2:30 Iji koo fayyina kee isa ati
LUK 2:31 saba hundumaa duratti qopheessite argeera;
LUK 2:32 innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa; saba kee Israaʼeliif immoo ulfina.”
LUK 2:33 Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan.
LUK 2:34 Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera;
LUK 2:35 kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”
LUK 2:36 Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte;
LUK 2:37 isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte.
LUK 2:38 Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.
LUK 2:39 Yoosefii fi Maariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan.
LUK 2:40 Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture.
LUK 2:41 Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan.
LUK 2:42 Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan.
LUK 2:43 Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Yesuus mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne.
LUK 2:44 Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban.
LUK 2:45 Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan.
LUK 2:46 Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan.
LUK 2:47 Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan.
LUK 2:48 Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen.
LUK 2:49 Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?” isaaniin jedhe.
LUK 2:50 Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.
LUK 2:51 Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.
LUK 2:52 Yesuusis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.
LUK 3:1 Xibeeriyoos Qeesaar moʼee waggaa kudha shanaffaatti jechuunis yommuu Phonxoos Phiilaaxoos bulchaa Yihuudaa turetti, Heroodis bulchaa Galiilaa ture; obboleessi isaa Fiiliphoos bulchaa Ixuriyaasii fi Xiraakonitiis, Lisaaniiyaas immoo bulchaa Abileeniis turan;
LUK 3:2 yeroo sana Haannaasii fi Qayyaaffaan luboota ol aantota turan. Dubbiin Waaqaa gammoojjii keessatti gara Yohannis ilma Zakkaariyaas dhufe.
LUK 3:3 Innis dhiifama cubbuutiif cuuphaa qalbii jijjiirrannaa lallabaa biyya naannoo Yordaanos hunda keessa deeme.
LUK 3:4 Kunis isa kitaaba dubbii Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha: “Sagalee nama gammoojjii keessaa iyyu tokkoo: ‘Karaa Gooftaa qopheessaa; daandii isaas qajeelchaa.
LUK 3:5 Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifamu. Karaan jalʼaan ni qajeela; daandiin buʼaa baʼiinis wal qixxeeffama.
LUK 3:6 Sanyiin namaa hundinuus fayyisuu Waaqaa ni arga.’ ”
LUK 3:7 Yohannisis warra harka isaatti cuuphamuuf dhufaniin akkana jedhe; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?
LUK 3:8 Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu hin jalqabinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.
LUK 3:9 Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.”
LUK 3:10 Namoonni sunis, “Yoos maal haa goonuu ree?” jedhanii isa gaafatan.
LUK 3:11 Yohannisis deebisee, “Namni uffata lama qabu isa homaa hin qabneef haa qoodu; kan nyaata qabus akkasuma haa godhu” jedheen.
LUK 3:12 Qaraxxoonni cuuphamuu dhufanii, “Yaa barsiisaa, nu hoo maal haa goonu?” jedhanii isa gaafatan.
LUK 3:13 Innis, “Waan ajajamtan caalaa walitti hin qabinaa” jedheen.
LUK 3:14 Loltoonnis akkasuma, “Nu immoo maal haa goonu ree?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Humnaan nama irraa maallaqa hin fudhatinaa; sobaan nama hin himatinaa; mindaan keessan isin haa gaʼu” jedheen.
LUK 3:15 Namoonni sun hawwiidhaan eegaa turan; hundi isaaniis, “Yohannis kun inni Kiristoos taʼinnaa laata?” jedhanii garaa isaaniitti yaadaa turan.
LUK 3:16 Yohannis akkana jedhee isaan hundaaf deebii kenne; “Ani bishaaniin isin cuupha. Garuu kan na caalaa jabaa taʼe tokko ni dhufa; ani hidhaa kophee isaa illee hiikuun naaf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.
LUK 3:17 Innis oobdii isaa qulqulleessee gombisaa isaatti qamadii galfachuudhaaf afarsaan isaa harka isaa jira; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
LUK 3:18 Yohannisis dubbii biraa baayʼeedhaan namoota gorsee wangeelas isaanitti lallabe.
LUK 3:19 Heroodis bulchaan garuu yommuu sababii inni niitii obboleessa isaa Heroodiyaas fuudhee fi sababii hammina inni hojjetee ture kaan hundaatiif Yohannis isa ifate,
LUK 3:20 hammina isaa hunda irratti dabalee Yohannisin mana hidhaatti galchee itti cufe.
LUK 3:21 Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee,
LUK 3:22 Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.
LUK 3:23 Yesuus yeroo tajaajila isaa jalqabetti umuriin isaa gara waggaa soddomaa ture. Innis akka waan ilma Yoosef tureetti yaadamaa ture: ilma Eelii,
LUK 3:24 ilma Maataat, ilma Lewwii, ilma Melkii, ilma Yaanaa, ilma Yoosef,
LUK 3:25 ilma Maataatiyaas, ilma Amoos, ilma Naahoom, ilma Asiiliim, ilma Naagee,
LUK 3:26 ilma Maaʼat, ilma Maataatiyaas, ilma Semeeʼi, ilma Yoosef, ilma Yoodaa,
LUK 3:27 ilma Yoonaan, ilma Resaa, ilma Zarubaabel, ilma Sheʼaltiiʼeel, ilma Neeri,
LUK 3:28 ilma Melkii, ilma Hadii, ilma Qoosaam, ilma Elmaadaam, ilma Eer,
LUK 3:29 ilma Iyyaasuu, ilma Eliiʼezer, ilma Yoorim, ilma Maataat, ilma Lewwii,
LUK 3:30 ilma Simiʼoon, ilma Yihuudaa, ilma Yoosef, ilma Yoonaan, ilma Eliyaaqeem,
LUK 3:31 ilma Meeleyaa, ilma Mennaa, ilma Maataataa, ilma Naataan, ilma Daawit,
LUK 3:32 ilma Isseey, ilma Yoobeed, ilma Boʼeez, ilma Salmoon, ilma Nahishoon,
LUK 3:33 ilma Amiinaadaab, ilma Aaraam, ilma Hezroon, ilma Faares, ilma Yihuudaa,
LUK 3:34 ilma Yaaqoob, ilma Yisihaaq, ilma Abrahaam, ilma Taaraa, ilma Naahoor,
LUK 3:35 ilma Seruug, ilma Reʼuu, ilma Feleg, ilma Eeber, ilma Saalaa,
LUK 3:36 ilma Qaayinaam ilma Arfaaksaad, ilma Seem, ilma Nohi, ilma Laamehi,
LUK 3:37 ilma Matuuselaa, ilma Henook, ilma Yaared, ilma Mahalaleel, ilma Keenaan,
LUK 3:38 ilma Enoos, ilma Seeti, ilma Addaam, ilma Waaqaa.
LUK 4:1 Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame;
LUK 4:2 achittis guyyaa afurtama diiyaabiloosiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe.
LUK 4:3 Diiyaabiloosis, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji” jedheen.
LUK 4:4 Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’jedhamee barreeffameera” jedheen.
LUK 4:5 Diiyaabiloosis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise.
LUK 4:6 Akkanas jedheen; “Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa.
LUK 4:7 Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa.”
LUK 4:8 Yesuus immoo, “ ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili’jedhamee barreeffameera” jedhee deebiseef.
LUK 4:9 Diiyaabiloosis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, asii gad of darbadhu.
LUK 4:10 Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Inni akka isaan sirriitti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
LUK 4:11 isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef, harka isaaniitiin ol si fuudhu.’”
LUK 4:12 Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’jedhameera” jedheen.
LUK 4:13 Diiyaabiloos immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme.
LUK 4:14 Yesuus humna Hafuuraatiin Galiilaatti deebiʼe; oduun waaʼee isaas baadiyyaa guutuu keessa faffacaʼe.
LUK 4:15 Inni manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa ture; namni hundinuus isa jaje.
LUK 4:16 Innis Naazreeti iddoo itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataas akkuma amala isaa mana sagadaa seene. Kitaaba dubbisuufis kaʼee dhaabate;
LUK 4:17 kitaabni raajicha Isaayyaas isatti kenname. Innis kitaabicha banee kutaa akkana jedhamee barreeffame argate:
LUK 4:18 “Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
LUK 4:19 inni akka ani bara tola Gooftaa labsuufis na ergeera.”
LUK 4:20 Innis kitaabicha cufee tajaajiltichatti deebisee kennee taaʼe; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
LUK 4:21 Innis, “Barreeffamni kun harʼa gurra keessanitti raawwatame” isaaniin jechuu jalqabe.
LUK 4:22 Hundi isaanii waaʼee isaa waan gaarii dubbachaa turan; dubbii ayyaan qabeessa afaan isaatii baʼus ni dinqisiifatan. Isaanis, “Kun ilma Yoosef mitii?” jedhanii gaafatan.
LUK 4:23 Yesuusis, “Akka isin, ‘Yaa abbaa qorichaa, of fayyisi! Waan Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ jettanii natti mammaaktan ani shakkii hin qabu” isaaniin jedhe.
LUK 4:24 Innis itti fufee akkana jedhe; “Ani dhuguma isinitti nan hima; raajiin tokko iyyuu iddoo itti dhalatetti fudhatama hin qabu.
LUK 4:25 Ani dhuguman isiniin jedha; bara Eeliyaas yeroo samiin waggaa sadii fi walakkaa cufamee beelli hamaan buʼeetti haadhota hiyyeessaa baayʼeetu Israaʼel keessa ture.
LUK 4:26 Taʼus Eeliyaas gara haadha hiyyeessaa magaalaa Saraaphtaa biyya Siidoon keessa jiraattu tokkootti ergame malee haadhota hiyyeessaa sana keessaa gara tokkoo isaaniitti illee hin ergamne.
LUK 4:27 Bara Elsaaʼi raajichaas namoota lamxaaʼan hedduutu Israaʼel keessa ture; garuu Naʼamaan, namicha Sooriyaa tokkicha sana malee warra kaan keessaa namni tokko iyyuu hin qulqulloofne ture.”
LUK 4:28 Namoonni manicha sagadaa keessa turan hundinuu yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaran.
LUK 4:29 Isaanis kaʼanii magaalaa sana keessaa gad isa baasan; gad isa darbachuuf jedhaniis ededa tulluu magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan.
LUK 4:30 Inni garuu gidduudhuma isaanii baʼee deeme.
LUK 4:31 Innis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaa keessaatti gad buʼe; guyyaa Sanbataas namoota barsiise.
LUK 4:32 Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
LUK 4:33 Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe;
LUK 4:34 “Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
LUK 4:35 Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe.
LUK 4:36 Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan.
LUK 4:37 Oduun waaʼee isaas biyya naannoo sanaa guutuu keessa faffacaʼe.
LUK 4:38 Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan.
LUK 4:39 Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
LUK 4:40 Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise.
LUK 4:41 Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef.
LUK 4:42 Yommuu bariʼettis Yesuus achii baʼee, iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis isa barbaadaa turan; yommuu gara isaa dhufanittis akka inni isaan dhiisee hin deemneef isa dhowwuu yaalan.
LUK 4:43 Inni garuu, “Ani magaalaawwan kaanittis wangeela mootummaa Waaqaa lallabuun qaba; sababiin ani ergameefis kanuma” jedhe.
LUK 4:44 Innis ittuma fufee manneen sagadaa Yihuudaa keessatti lallabaa ture.
LUK 5:1 Gaaf tokko Yesuus utuu Haroo Geensereex bira dhaabatee jiruu, utuu namoonnis isatti naannaʼanii dubbii Waaqaa dhagaʼaa jiranuu,
LUK 5:2 bidiruuwwan lama ededa bishaanichaa irratti arge; qurxummii qabdoonni garuu keessaa baʼanii kiyyoo isaanii miicachaa turan.
LUK 5:3 Innis bidiruuwwan sana gidduudhaa ishee kan Simoon taate tokko yaabbate; akka inni qarqara lafaa irraa gara gidduu bishaaniitti xinnoo achi butus isa kadhate. Yesuusis bidiruu sana irra taaʼee namoota barsiisuu jalqabe.
LUK 5:4 Innis yommuu dubbatee fixetti Simooniin, “Gara tuujuba bishaaniitti achi siqi; qurxummii qabuufis kiyyoo keessan darbadhaa” jedhe.
LUK 5:5 Simoonis deebisee, “Yaa barsiisaa, nu halkan guutuu akka malee itti dadhabnee waa tokko illee hin qabne. Ani garuu waan ati jetteef kiyyoo nan darbadha” jedhe.
LUK 5:6 Isaanis kiyyoo isaanii darbatanii hamma kiyyoon isaanii ciccituu jalqabutti qurxummii akka malee baayʼee qabatan.
LUK 5:7 Kanaafuu akka michoonni isaanii warri bidiruu kaan keessa turan dhufanii isaan gargaaraniif mallattoon waammatan; isaanis dhufanii bidiruu lachuu qurxummiidhaan guutan; bidiruuwwan sunis liqimfamuu jalqaban.
LUK 5:8 Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Yesuusitti kufee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!” jedhe.
LUK 5:9 Kunis sababii qurxummiin baayʼeen qabame sun Simʼoonii fi warra isa wajjin turan hunda dinqisiiseef;
LUK 5:10 ilmaan Zabdewoos warri michoota Simoon turan jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma dinqisiifatan. Yesuusis Simʼooniin, “Hin sodaatin; ati ammaa jalqabdee qabduu namootaa ni taataa” jedhe.
LUK 5:11 Isaanis bidiruuwwan isaanii gara qarqaraatti ol baasanii waan hunda dhiisanii isa duukaa buʼan.
LUK 5:12 Utuu Yesuus magaalaawwan sana keessaa isa tokko keessa jiruu namichi dhagni isaa guutuun lamxaaʼe tokko gara isaa dhufe. Innis yommuu Yesuusin argetti adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.
LUK 5:13 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen; lamxiin sunis yeruma sana namicha irraa bade.
LUK 5:14 Yesuusis, “Nama tokkotti illee hin himin; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi” jedhee isa ajaje.
LUK 5:15 Haa taʼuu malee oduun waaʼee isaa ittuma caalee facaʼe; namoonni hedduunis isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf jedhanii gara isaa dhufaa turan.
LUK 5:16 Yesuus garuu yeroo baayʼee lafa namni hin jirre dhaqee kadhachaa ture.
LUK 5:17 Gaaf tokko Yesuus utuu barsiisaa jiruu, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa warri gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa hunda keessaa akkasumas Yerusaalemii dhufan achi tataaʼaa turan. Akka inni dhukkubsattoota fayyisuufis humni Gooftaa isa wajjin ture.
LUK 5:18 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaanis fuula Yesuus dura isa kaaʼuuf jedhanii manatti ol isa galchuu yaalan.
LUK 5:19 Sababii baayʼina namaatiifis karaa ittiin ol isa galchan dhabnaan bantii manaatti ol baʼanii qadaada bantii manaa saaqanii walakkaa namootaatiin fuula Yesuus duratti siree isaatiin gad isa buusan.
LUK 5:20 Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti, “Namichoo, cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
LUK 5:21 Fariisonnii fi barsiistonni seeraas, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.
LUK 5:22 Yesuusis waan isaan yaadaa turan beekee akkana jedhee gaafate; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan kana yaaddu?
LUK 5:23 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?
LUK 5:24 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
LUK 5:25 Innis yeruma sana kaʼee fuula isaanii dura dhaabate; waan irra ciisaa tures fudhatee Waaqa jajachaa mana ofii isaatti qajeele.
LUK 5:26 Hundi isaaniis dinqifatanii Waaqa jajan. Sodaadhaanis guutamanii, “Nu harʼa waan takkumaa hin taʼin argine” jedhan.
LUK 5:27 Ergasii Yesuus achii baʼee qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu arge. Yesuusis, “Na duukaa buʼi” jedheen.
LUK 5:28 Lewwiinis waan hunda dhiisee kaʼee isa duukaa buʼe.
LUK 5:29 Lewwiinis mana isaatti cidha guddaa Yesuusiif qopheesse; qaraxxoonnii fi namoonni kaan baayʼeenis isaan wajjin nyaachaa turan.
LUK 5:30 Fariisonnii fi Barsiistonni seeraa kanneen garee isaanii taʼan garuu, “Isin maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaattanii dhugdu?” jedhanii barattoota isaatti guunguman.
LUK 5:31 Yesuus immoo deebisee akkana isaaniin jedhe; “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
LUK 5:32 Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne.”
LUK 5:33 Isaanis, “Barattoonni Yohannis yeroo baayʼee ni soomu; ni kadhatus; barattoonni Fariisotaas akkasuma godhu; barattoonni kee garuu ni nyaatu; ni dhugus” jedhaniin.
LUK 5:34 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin utuu inni isaan wajjin jiruu michoota misirrichaa soomsisuu ni dandeessuu?
LUK 5:35 Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.”
LUK 5:36 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Namni uffata moofaa erbuuf jedhee huccuu uffata haaraa tarsaasu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, isaan uffata haaraa sana tarsaasaniiru; erbeen haaraan sunis uffata moofaa wajjin wal hin fudhatu.
LUK 5:37 Namni daadhii wayinii haaraaqalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; daadhiin sun ni dhangalaʼa; qalqallichis horoomaa baʼa.
LUK 5:38 Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo daadhii wayinii haaraatti naqamuu qaba.
LUK 5:39 Namni kam iyyuu erga daadhii wayinii kan goge dhugee booddee daadhii wayinii haaraa hin barbaadu; isaan, ‘Daadhii wayinii kan goge wayya’ jedhuutii.”
LUK 6:1 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas asheetii midhaanii ciratanii harka isaaniitiin sukkuummatanii nyaachuu jalqaban.
LUK 6:2 Fariisota keessaas tokko tokko, “Isin maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjettu?” jedhanii gaafatan.
LUK 6:3 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee?
LUK 6:4 Inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffamekan luboota qofaaf eeyyamame fudhatee nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis kenne.”
LUK 6:5 Yesuusis, “Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataa ti” isaaniin jedhe.
LUK 6:6 Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture.
LUK 6:7 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan nama fayyisu ilaaluuf isa gaadan.
LUK 6:8 Yesuus garuu waan isaan yaadan beekee namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe. Innis kaʼee achi dhaabate.
LUK 6:9 Yesuusis, “Anis isinan gaafadha; Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo balleessuu?” isaaniin jedhe.
LUK 6:10 Gara galees hunda isaanii ilaalee namichaan, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Innis akkasuma godhe; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.
LUK 6:11 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu akka malee aaranii Yesuusin maal gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban.
LUK 6:12 Yesuusis guyyoota sana keessaa gaaf tokko kadhannaadhaaf tulluutti ol baʼe; halkan guutuus Waaqa kadhachaa bule.
LUK 6:13 Innis yommuu lafti bariʼetti barattoota isaa ofitti waamee nama kudha lama isaan keessaa filate; ergamoota jedhees isaan moggaase.
LUK 6:14 Isaanis Simoon isa inni Phexros jedhee moggaase, obboleessa isaa Indiriiyaas, Yaaqoob, Yohannis, Fiiliphoos, Bartaloomewoos,
LUK 6:15 Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa Hinaafticha jedhamee waamame,
LUK 6:16 Yihuudaa ilma Yaaqoob, Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
LUK 6:17 Innis isaan wajjin gad buʼee iddoo diriiraa tokko irra dhaabate. Tuunni barattoota isaa guddaanis achi ture; namoonni Yihuudaa hunda keessaa, Yerusaalem keessaa, biyya qarqara galaanaa kan naannoo Xiiroosii fi Siidoonaatii dhufan baayʼeen,
LUK 6:18 warri isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufanis achi turan. Warri hafuurota xuraaʼoon dhiphachaa turanis ni fayyan;
LUK 6:19 sababii humni isa keessaa baʼee hunduma isaanii fayyisaa tureef, namoonni hundinuu isa tuquuf carraaqaa turan.
LUK 6:20 Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe: “Isin warri hiyyeeyyiin eebbifamoo dha; mootummaan Waaqaa kan keessaniitii.
LUK 6:21 Isin warri amma beeloftan eebbifamoo dha; ni quuftuutii. Isin warri amma boossan eebbifamoo dha; ni kolfituutii.
LUK 6:22 Yommuu namoonni sababii Ilma Namaatiif jedhanii isin jibban, yommuu isaan of keessaa isin baasanii fi isin arrabsan, yommuu isaan maqaa keessan akka waan hamaa tokkootti tuffatan, isin eebbifamoo dha.
LUK 6:23 “Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef gaafa sana ililchaatii gammachuudhaan buburraaqaa. Abbootiin isaanii iyyuu akkasuma raajota godhaniitii.
LUK 6:24 “Garuu warri sooreyyiin isiniif wayyoo; isin jajjabina keessan argattaniirtuutii.
LUK 6:25 Warri amma quuftan isiniif wayyoo, beelaʼuuf jirtuutii, warri amma kolfitan isiniif wayyoo; wawwaachuu fi booʼuuf jirtuutii.
LUK 6:26 Yommuu namni hundinuu isin saadu isiniif wayyoo; abbootiin isaanii iyyuu akkanuma raajota sobaa saadaa turaniitii.
LUK 6:27 “Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa;
LUK 6:28 warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa.
LUK 6:29 Yoo namni tokko maddii tokko si kabale, maddii kaanis itti qabi. Yoo namni tokko kootii kee sirraa baafate immoo, kittaa kee illee hin dhowwatin.
LUK 6:30 Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin.
LUK 6:31 Isinis akkuma namoonni kaan akka isiniif godhan barbaaddan sana isaaniif godhaa.
LUK 6:32 “Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan, kun galata maalii isinii qaba? Cubbamoonni iyyuu warra isaan jaallatan ni jaallatuutii.
LUK 6:33 Isin yoo warra waan gaarii isinii godhaniif waan gaarii gootan, kun galata maalii isiniif qaba? Kana immoo cubbamoonni iyyuu ni godhuutii.
LUK 6:34 Warruma akka isiniif deebisan abdattaniif yoo liqeessitan galata maalii argattu? ‘Cubbamoonni iyyuu’ hammuma liqeessan sana deebisanii argachuuf jedhanii cubbamootaaf ni liqeessuutii.
LUK 6:35 Isin garuu diinota keessan jaalladhaa; waan gaariis isaaniif hojjedhaa; utuu waan isinii deebiʼu tokko illee hin abdatin isaaniif liqeessaa. Yoos gatiin keessan guddaa ni taʼa; isinis ijoollee Waaqa Waan Hundaa Olii ni taatu; inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee arjaadhaatii.
LUK 6:36 Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa.
LUK 6:37 “Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii.
LUK 6:38 Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.”
LUK 6:39 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Jaamaan tokko jaamaa qajeelchuu ni dandaʼaa? Isaan lachuu boolla keessa hin buʼanii?
LUK 6:40 Barataan barsiisaa isaatii ol miti; namni guutumaan guutuutti leenjifame hundinuu garuu akka barsiisaa isaa ni taʼa.
LUK 6:41 “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?
LUK 6:42 Ati utuu ofii keetii jirma ija kee keessa jiru arguu hin dandaʼin, akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessaa, kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana, duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
LUK 6:43 “Mukni gaariin ija gadhee naqatu tokko iyyuu hin jiru; mukni gadheenis ija gaarii hin naqatu.
LUK 6:44 Tokkoon tokkoon mukaa ija isaatiin beekama. Namoonni muka qoraattii irraa harbuu, yookaan sokorruu irraa wayinii hin ciran.
LUK 6:45 Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.
LUK 6:46 “Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?
LUK 6:47 Namni gara koo dhufu, kan dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi maal akka fakkaatu ani isinitti nan argisiisa.
LUK 6:48 Isaan nama mana ijaaru, kan boolla gad fageessee qotee hundee mana sanaa kattaa irra dhaabe tokko fakkaatu. Sababii manichi sirriitti ijaarameef, lolaan yeroo lolaʼee humnaan itti buʼetti mana sana sochoosuu hin dandeenye.
LUK 6:49 Namni dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne garuu nama lafa irratti mana hundee hin qabne ijaarratu tokko fakkaata. Yeroo lolaan humnaan itti buʼetti manni sun ni jige; guutumaan guutuuttis diigame.”
LUK 7:1 Yesuus yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene.
LUK 7:2 Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture.
LUK 7:3 Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Yesuus dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate.
LUK 7:4 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; “Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala;
LUK 7:5 inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera.”
LUK 7:6 Kanaafuu Yesuus isaan wajjin deeme. Yeroo inni manichatti dhiʼaatetti ajajaan dhibbaa sun akkana jedhee michoota isaa Yesuusitti erge; “Yaa gooftaa of hin rakkisin; ati bantii mana koo jala seenuun naaf hin maluutii.
LUK 7:7 Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii.
LUK 7:8 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”
LUK 7:9 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, “Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne” jedhe.
LUK 7:10 Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege.
LUK 7:11 Yesuus ergasii magaalaa Naayin jedhamtu tokko dhaqe; barattoonni isaatii fi namoonni baayʼeenis isa wajjin dhaqan.
LUK 7:12 Yommuu inni karra magaalattiitti dhiʼaatetti jarri tokko nama duʼe tokko baatanii isatti dhufan; namichi duʼe sunis haadha isaatiif ilma tokkicha ture; haati isaas haadha hiyyeessaa turte. Namoonni magaalattii baayʼeenis ishee wajjin turan.
LUK 7:13 Gooftaanis yommuu ishee argetti naʼeefii, “Hin booʼin” jedheen.
LUK 7:14 Innis itti dhiʼaatee wasaasaa reeffa sanaa tuqe; warri reeffa baatanis ni dhaabatan. Innis, “Gurbayyoo, ani siin nan jedhaa, kaʼi!” jedheen.
LUK 7:15 Gurbaan duʼe sunis kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis deebisee haadha isaatti isa kenne.
LUK 7:16 Hundi isaanii ni sodaatan; “Raajiin guddaan nu keessaa argameera. Waaqnis saba isaa gargaaruuf dhufeera” jedhanii Waaqaaf ulfina kennan.
LUK 7:17 Oduun waaʼee Yesuus kunis Yihuudaa guutuu fi biyya naannoo sana jiru hundumaa keessa faffacaʼe.
LUK 7:18 Barattoonni Yohannis waaʼee waan kana hundaa isatti himan. Yohannisis isaan keessaa nama lama ofitti waamee,
LUK 7:19 “Inni dhufuuf jiru siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee gaafachuudhaaf Gooftaatti isaan erge.
LUK 7:20 Namoonni sunis yommuu gara Yesuus dhufanitti, “Yohannis cuuphaan, ‘Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?’ jedhee gaafachuudhaaf sitti nu ergeera” jedhaniin.
LUK 7:21 Yesuusis yeruma sana namoota dhibee, dhukkubaa fi hafuura hamaa qaban hedduu fayyise; warra jaamaa turan baayʼeedhaafis agartuu deebise.
LUK 7:22 Innis akkana jedhee ergamoota sanaaf deebii kenne; “Deebiʼaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yohannisitti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.
LUK 7:23 Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”
LUK 7:24 Erga ergamoonni Yohannis baʼanii qajeelanii booddee Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?
LUK 7:25 Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatanii qananiidhaan jiraatan masaraawwan keessa jiru.
LUK 7:26 Garuu isin maal arguu baatan? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.
LUK 7:27 Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha: “ ‘Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu, fuula kee dura nan erga.’
LUK 7:28 Ani isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis cuuphaa caalu tokko iyyuu hin jiru; namni mootummaa Waaqaa keessatti nama hundumaa gad taʼe garuu isa ni caala.”
LUK 7:29 Namoonni hundi, qaraxxoonni iyyuu waan harka Yohannisitti cuuphamanii turaniif yommuu dubbii Yesuus dhagaʼanitti, karaan Waaqaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessan.
LUK 7:30 Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yohannisitti hin cuuphaminiif kaayyoo Waaqni isaaniif qabu fudhachuu didan.
LUK 7:31 Yesuus itti fufee akkana jedhe; “Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu?
LUK 7:32 Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti: “ ‘Nu ulullee isinii afuufne; isin garuu hin sirbine; faaruu booʼichaas faarsine; isin garuu hin boonye.’
LUK 7:33 Yohannis cuuphaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jettu.
LUK 7:34 Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu.
LUK 7:35 Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti.”
LUK 7:36 Fariisota keessaa namichi tokko akka inni isa wajjin nyaatuuf Yesuusin affeere; innis mana Fariisichaa dhaqee maaddiitti dhiʼaate.
LUK 7:37 Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Yesuus mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte.
LUK 7:38 Isheenis booʼaa dugda isaa duubaan miilla isaa bira dhaabattee imimmaan isheetiin miilla isaa jiisuu jalqabde. Rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxee, dhungattees miilla isaa shittoo dibde.
LUK 7:39 Fariisichi isa affeere sunis waan kana argee, “Namichi kun utuu raajii taʼee, dubartiin isa tuqxu kun eenyu akka taate, nama akkamiis akka taate ni beeka ture; isheen cubbamtuudhaatii” jedhee garaa isaa keessatti yaade.
LUK 7:40 Yesuus immoo, “Yaa Simoon, ani waanan sitti himu tokko qaba” jedheen. Innis, “Yaa barsiisaa natti himi” jedhe.
LUK 7:41 Yesuusis akkana jedheen; “Namoonni lama nama maallaqa liqeessu tokko irraa maallaqa liqeeffatan. Inni tokko diinaarii dhibba shan liqeeffate; kaan immoo diinaarii shantama liqeeffate.
LUK 7:42 Jarri lachuu waan isaaf kaffalan dhabnaan dhiiseef. Egaa jara lamaan keessaa kamtu caalaa isa jaallata?”
LUK 7:43 Simoonis deebisee, “Isa liqiin guddaan dhiifameef sana natti fakkaata” jedheen. Yesuusis, “Ati dhugaa dubbatte” isaan jedhe.
LUK 7:44 Innis gara dubartittiitti garagalee Simooniin akkana jedhe; “Dubartii kana argitaa? Ani mana kee nan dhufe. Ati bishaan miillaa illee naaf hin kennine; isheen garuu imimmaan isheetiin miilla koo dhiqxee rifeensa mataa isheetiin haqxe.
LUK 7:45 Ati na hin dhunganne; dubartiin kun garuu yeroo ani ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiifne.
LUK 7:46 Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde.
LUK 7:47 Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha.”
LUK 7:48 Yesuusis dubartittiidhaan, “Cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
LUK 7:49 Warri isa wajjin maaddiitti dhiʼaatanii turanis, “Namni cubbuu iyyuu namaa dhiisu kun eenyu?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.
LUK 7:50 Yesuusis dubartittiidhaan, “Amantiin kee si fayyiseera; nagaan deemi” jedhe.
LUK 8:1 Yesuusis ergasii wangeela mootummaa Waaqaa lallabaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti, ganda tokko irraas gara ganda biraatti naannaʼaa ture. Warri Kudha Lamaanis isa wajjin turan;
LUK 8:2 dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan,
LUK 8:3 Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilaa turan.
LUK 8:4 Yeroo tuunni guddaan walitti qabamee namoonnis magaalaa gara garaatii gara isaa dhufanitti Yesuus akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime:
LUK 8:5 “Namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼee irra ejjetame; simbirroonnis nyaatanii fixan.
LUK 8:6 Kaan immoo lafa kattaa irra buʼe; innis waan jiidha hin qabneef yeroo biqiletti ni goge.
LUK 8:7 Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis biqiltuu sana wajjin guddatee isa hudhe.
LUK 8:8 Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ijas dachaa dhibba naqate.” Innis yommuu waan kana dubbatetti lallabee, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu” jedhe.
LUK 8:9 Barattoonni isaas hiikkaan fakkeenya kanaa maal akka taʼe isa gaafatan.
LUK 8:10 Innis akkana jedhe; “Icciitii mootummaa Waaqaa beekuun isinii kennameera; warra kaanitti garuu ani fakkeenyaan nan dubbadha; kunis, “ ‘Akka isaan utuma ilaalanuu hin argineef, utuma dhagaʼanuus, hin hubanneef.’
LUK 8:11 “Hiikkaan fakkeenyichaa kanaa dha: Sanyiin sun dubbii Waaqaa ti.
LUK 8:12 Sanyiin karaa irraa sun namoota dubbicha dhagaʼanii garuu akka isaan amananii hin fayyineef diiyaabiloos dhufee dubbicha garaa isaanii keessaa fudhatuu dha.
LUK 8:13 Sanyiin lafa kattaa irraa sunis warra yommuu dubbicha dhagaʼanitti gammachuudhaan fudhatanii dha; isaan garuu hidda hin qaban. Yeroof amanu malee yeroo qorumsaatti ni ganu.
LUK 8:14 Sanyiin qoraattii keessa buʼes warra dubbicha dhagaʼanii dha; isaanis akkuma karaa isaanii itti fufaniin yaaddoo jireenyaatiin, badhaadhummaa fi qananiidhaan hudhamu; hin bilchaatanis.
LUK 8:15 Sanyiin biyyoo gaarii irraa garuu warra garaa tolaa fi gaariidhaan dubbicha dhagaʼanii jabeessanii qabatanii obsaan ija naqatan argisiisa.
LUK 8:16 “Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee okkotee keessa hin dhoksu yookaan siree jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa arguu dandaʼaniif baattuu ibsaa irra kaaʼu.
LUK 8:17 Wanni dhokfamee utuu hin mulʼifamin hafu, wanni haguugamee utuu hin beekamin hafu yookaan utuu ifatti hin baafamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii.
LUK 8:18 Kanaaf akkamitti akka dhaggeeffattan qalbeeffadhaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne kam iyyuu garuu wanni inni waan qabu of seʼu iyyuu isa irraa fudhatama.”
LUK 8:19 Haatii fi obboloonni Yesuus isa arguu dhufan; garuu sababii baayʼina namaatiif isa bira gaʼuu hin dandeenye.
LUK 8:20 Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si arguu barbaadanii ala dhadhaabatanii jiru” jedhee isatti hime.
LUK 8:21 Innis, “Haati kootii fi obboloonni koo warra dubbii Waaqaa dhagaʼanii hojii irra oolchanii dha” jedhee deebise.
LUK 8:22 Gaaf tokko Yesuus barattoota isaatiin, “Kottaa galaana gama ceenaa” jedhe. Kanaafuu isaan bidiruu yaabbatanii qajeelan.
LUK 8:23 Inni utuu isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu hirribni qabee rafe. Bubbeen tokkos galaana sana irratti kaʼee, bidiruun sun bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaa guddaa keessa seenan.
LUK 8:24 Barattoonnis dhaqanii, “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu dhumuuf jirra!” jedhanii isa dammaqsan. Innis kaʼee bubbee fi bishaan raafamaa ture sana ifate; bubbeen sunis gab jedhe; wanni hundinuus ni tasgabbaaʼe.
LUK 8:25 Barattoota isaas, “Amantiin keessan eessa jira?” jedhee gaafate. Isaanis sodaa fi dinqifannaadhaan, “Namichi bubbee fi bishaan illee ajaju kun eenyu? Isaanis ni ajajamuuf” jedhanii wal gaafatan.
LUK 8:26 Isaanis gara biyya Gergeesenoon ishee galaanaan gama fuullee Galiilaatti argamtuutti bidiruudhaan ceʼan.
LUK 8:27 Yommuu Yesuus qarqara galaanaatti buʼettis namichi magaalaa sanaa kan hafuura hamaadhaan qabamee ture tokko isatti dhufe. Namichi kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; awwaala gidduu jiraata malee mana keessa hin jiraatu ture.
LUK 8:28 Innis yommuu Yesuusin argetti iyyee miilla isaa irratti kufe; sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Ani sin kadhadha; na hin dhiphisin!” jedhe.
LUK 8:29 Yesuus akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture.
LUK 8:30 Yesuusis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis sababii hafuuronni hamoon baayʼeen isatti galanii turaniif, “Leegewoon” jedhee deebise.
LUK 8:31 Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan Qilee keessa buʼan isaan hin ajajneef Yesuusin kadhatan.
LUK 8:32 Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara irra achi dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan booyyeewwan sanatti galaniif isaanii eeyyamu Yesuusin kadhatan; innis ni eeyyameef.
LUK 8:33 Yommuu hafuuronni hamoon sun namicha keessaa baʼanii booyyeewwanitti galanitti, hoomaan sun ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
LUK 8:34 Warri booyyeewwan tiksan sunis yommuu waan taʼe sana arganitti, baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan;
LUK 8:35 namoonnis waan taʼe sana ilaaluu baʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha hafuuronni hamoon keessaa baʼan sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee miilla Yesuus jala taaʼee argan; ni sodaatanis.
LUK 8:36 Warri waan kana arganii turanis namichi hafuura hamaan qabame sun akkamitti akka fayye namootatti odeessan.
LUK 8:37 Kana irratti namoonni biyya Gergeesenoon hundinuu waan sodaadhaan guutamaniif akka Yesuus isaan biraa deemu isa kadhatan. Innis bidiruu yaabbatee achii deeme.
LUK 8:38 Namichi hafuuronni hamoon keessaa baʼan sun Yesuus wajjin deemuuf isa kadhate; Yesuus garuu akkana jedhee of biraa isa deebise;
LUK 8:39 “Mana keetti deebiʼiitii wanni Waaqni siif godhe hammam guddaa akka taʼe odeessi.” Namichis dhaqee wanni Yesuus isaaf godhe hammam guddaa akka taʼe magaalaa sana hunda keessatti odeesse.
LUK 8:40 Yommuu Yesuus deebiʼetti namoonni baayʼeen isa simatan. Hundi isaanii isa eeggachaa turaniitii.
LUK 8:41 Namichi Yaaʼiiros jedhamu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee miilla Yesuus irratti kufee akka inni mana isaa dhaqu isa kadhate;
LUK 8:42 sababiin isaas intalli isaa tokkittiin, durbi umuriin ishee gara waggaa kudha lamaa taʼu tokko duʼuu geessee turte. Utuu Yesuus deemaa jiruu namoonni qixa hundaan dhiibanii hafuura isa kutuu gaʼan.
LUK 8:43 Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte; garuu namni tokko iyyuu ishee fayyisuu hin dandeenye.
LUK 8:44 Isheenis dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe; dhiigni ishees yommusuma cite.
LUK 8:45 Yesuusis, “Eenyutu na tuqe?” jedhee gaafate. Yommuu hundi isaanii haalanitti Phexros, “Yaa barsiisaa namoonni tuuttaʼanii si dhiibaa jiru” jedhe.
LUK 8:46 Yesuus garuu, “Namni wayii na tuqeera; ani akka humni na keessaa baʼe nan beekaa” jedhe.
LUK 8:47 Dubartittiinis akka utuu hin beekamin deemuu hin dandeenye hubannaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte. Isheenis maaliif akka isa tuqxee fi akkamittis akka yommusuma fayyite namoota sana hunda duratti dubbate.
LUK 8:48 Kana irratti inni, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi” jedheen.
LUK 8:49 Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namni tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufee, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi barsiisicha hin rakkisin” jedhe.
LUK 8:50 Yesuus garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, “Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii” jedhe.
LUK 8:51 Inni yommuu mana Yaaʼiiroos gaʼetti Phexros, Yohannisii fi Yaaqoob akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee akka namni tokko iyyuu isa wajjin ol seenu hin eeyyamne.
LUK 8:52 Kana irratti namoonni hundinuu isheef wawwaachaa, faarsaas turan. Yesuus garuu, “Hin booʼinaa; isheen ni rafti malee hin duuneetii” jedhe.
LUK 8:53 Isaan immoo akka isheen duute waan beekaniif isatti kolfan.
LUK 8:54 Inni garuu harka ishee qabee, “Intala ko, kaʼi!” jedhe.
LUK 8:55 Hafuurri ishees ni deebiʼe; isheenis yommusuma kaatee dhaabatte. Ergasii Yesuus akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
LUK 8:56 Abbaa fi haati ishees ni dinqifatan; inni garuu akka isaan waan taʼe sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.
LUK 9:1 Yesuus warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef;
LUK 9:2 inni akka isaan mootummaa Waaqaa labsanii fi akka dhukkubsattoota fayyisaniif isaan erge.
LUK 9:3 Akkanas isaaniin jedhe; “Adeemsa keessaniif waan tokko illee jechuunis ulee yookaan korojoo yookaan buddeena yookaan maallaqa akkanumas kittaa lama hin qabatinaa.
LUK 9:4 Mana seentan kam iyyuu keessa hamma magaalaa sanaa baatanitti achuma turaa.
LUK 9:5 Yoo namoonni isin simachuu baatan, magaalaa isaaniitii baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”
LUK 9:6 Isaanis achii baʼanii iddoo hundatti wangeela lallabaa, namootas fayyisaa ganda tokko irraa gara ganda kaanii deemaa turan.
LUK 9:7 Heroodis bulchaan waaʼee waan taʼaa ture hundaa dhagaʼe. Innis waan namoonni tokko tokko Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera jechaa turaniif,
LUK 9:8 warri kaanis Eeliyaas mulʼateera jechaa waan turaniif, warri kaan immoo raajota durii keessaa inni tokko duʼaa kaʼeera jechaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe.
LUK 9:9 Heroodis garuu, “Ani Yohannisin mataa isaa kuteen ture. Yoos namichi ani waaʼee isaa waan akkanaa dhagaʼu kun eenyu ree?” jedhe. Yesuusin arguufis ni hawwa ture.
LUK 9:10 Ergamoonnis yommuu deebiʼanitti waan hojjetanii turan Yesuusitti himan. Innis ofitti isaan fudhate; isaanis ofumaan gara magaalaa Beetisayidaa jedhamtuu dhaqan;
LUK 9:11 namoonni baayʼeen garuu waan kana beekanii isa duukaa buʼan. Innis isaan simatee waaʼee mootummaa Waaqaa isaanitti hime; warra fayyuun isaan barbaachises ni fayyise.
LUK 9:12 Gara galgalaatti warri Kudha Lamaan gara isaa dhufanii, “Waan nu as gammoojjii keessa jirruuf, akka namoonni kunneen gara gandootaatii fi baadiyyaa naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatanii fi iddoo bultii barbaadataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin.
LUK 9:13 Inni immoo, “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise. Isaanis, “Nama kana hundaaf nyaata yoo dhaqnee binne malee nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa qabna” jedhanii deebisan.
LUK 9:14 Dhiira gara kuma shantu achi ture. Inni garuu barattoota isaatiin, “Garee tokkoon tokkoon isaa gara nama shantama shantamaa qabuun isaan teessisaa” jedhe.
LUK 9:15 Barattoonnis akkasuma godhan; namni hundis ni taaʼe.
LUK 9:16 Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne.
LUK 9:17 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
LUK 9:18 Gaaf tokko Yesuus kophaa isaa kadhannaa irra ture; barattoonni isaas isa wajjin turan. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee isaan gaafate.
LUK 9:19 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo raajota durii keessaa isa tokkotu duʼaa kaʼe jedhu” jedhanii deebisan.
LUK 9:20 Innis, “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate. Phexrosis, “Ati Kiristoos Waaqaa ti” jedhee deebise.
LUK 9:21 Yesuusis akka isaan waan kana nama tokkotti illee hin himneef jabeessee isaan akeekkachiise.
LUK 9:22 Innis, “Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu, maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu, ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti immoo duʼaa kaʼuu qaba” jedhe.
LUK 9:23 Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu.
LUK 9:24 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata.
LUK 9:25 Namni yoo addunyaa guutuu argatee ofii isaa immoo dhabe yookaan yoo gatame inni buʼaa maalii argata?
LUK 9:26 Nama anattii fi dubbii kootti qaanaʼu kam iyyuu Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin, ulfina Abbaatii fi ulfina ergamoota qulqulluutiin dhufutti isatti ni qaanaʼa.
LUK 9:27 “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko utuu mootummaa Waaqaa hin argin duʼa hin dhandhaman.”
LUK 9:28 Yesuus erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaqoobin fudhatee kadhannaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe.
LUK 9:29 Utuu inni kadhachaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe.
LUK 9:30 Kunoo namoonni lama jechuunis Musee fi Eeliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Yesuus wajjin haasaʼaa turan.
LUK 9:31 Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan.
LUK 9:32 Phexrosii fi warri isa wajjin turan garuu akka malee mugan; yeroo dammaqanitti immoo ulfina Yesuusii fi namoota Yesuus wajjin dhadhaabachaa turan lamaan argan.
LUK 9:33 Phexrosis akkuma namoonni sun Yesuus biraa deemuu jalqabaniin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. Inni waan dubbatu hin beeku ture.
LUK 9:34 Utuma inni dubbachaa jiruu duumessi tokko dhufee isaan haguuge; isaanis yommuu duumessa sana keessa seenanitti ni sodaatan.
LUK 9:35 Sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani filadhee dha; isinis isa dhagaʼaa” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.
LUK 9:36 Yommuu sagaleen sun dubbatetti, Yesuus kophaa isaa argame. Barattoonnis ni calʼisan malee waan argan keessaa tokko illee yeroo sanatti nama tokkottuu hin himne.
LUK 9:37 Guyyaa itti aanu, yommuu isaan tulluu irraa gad buʼanitti namoonni baayʼeen isatti dhufan.
LUK 9:38 Namoota sana keessaas namichi tokko iyyee akkana jedhe; “Yaa Barsiisaa akka ati ilma koo naa ilaaltu sin kadhadha; inni anaaf mucaa tokkichaatii.
LUK 9:39 Hafuurri wayii itti kaʼa; gurbichis akkuma tasaa iyya; hafuurri sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiisa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; hafuurichi dafee irraa hin galu; yeroo hundas isa miidha.
LUK 9:40 Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan kadhadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
LUK 9:41 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiitti isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis isinii obsa?” jedhe. Namichaanis, “Mee ilma kee as fidi” jedhe.
LUK 9:42 Utuma gurbaan sun gara Yesuus dhufaa jiruus, hafuurri hamaan sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiise. Yesuus garuu hafuura xuraaʼaa sana ifate; gurbichas fayyisee abbaa isaatiif kenne.
LUK 9:43 Hundumti isaaniis humna Waaqaa isa jabaa sana ni dinqifatan. Utuu hundi isaanii waan Yesuus hojjete sana dinqisiifachaa jiranuu inni barattoota isaatiin akkana jedhe;
LUK 9:44 “Waan ani isinitti himuuf jiru of eeggannaadhaan dhaggeeffadhaa: Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.”
LUK 9:45 Isaan garuu dubbii kana hin hubanne. Akka isaaniif hin galleefis isaan jalaa dhokfamee ture; isaan waaʼee waan kanaa isa gaafachuus ni sodaatan.
LUK 9:46 Isaan keessaa namni nama hundumaa caalu eenyu akka taʼe barattoota gidduutti wal falmiin kaʼe.
LUK 9:47 Yesuusis waan isaan garaatti yaadan beekee mucaa xinnaa tokko fidee of bira dhaabe;
LUK 9:48 akkanas isaaniin jedhe; “Namni mucaa xinnaa kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatus isa na erge sana simata; namni isin hundaa gad taʼe inni hunda caalaatii.”
LUK 9:49 Yohannisis, “Yaa Barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
LUK 9:50 Yesuus garuu, “Isa hin dhowwinaa; namni isiniin hin mormine kam iyyuu gara keessan jiraatii” jedhe.
LUK 9:51 Yesuusis yommuu yeroon inni itti gara samiitti ol fudhatamu gaʼetti Yerusaalem dhaquuf hidhatee kaʼe.
LUK 9:52 Innis ergamoota of dura erge; isaanis waan isa barbaachisu qopheessuudhaaf ganda Samaariyaa tokko seenan.
LUK 9:53 Namoonni naannoo sanaa garuu sababii inni fuula isaa Yerusaalemitti deebifatee deemaa tureef isa hin simanne.
LUK 9:54 Barattoonni isaa jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis yommuu waan kana arganitti, “Yaa Gooftaa, akka inni isaan balleessuuf, akka nu samii irraa ibidda gad waamnu barbaaddaa?” jedhan.
LUK 9:55 Yesuus garuu garagalee isaan ifate.
LUK 9:56 Isaanis darbanii ganda biraa dhaqan.
LUK 9:57 Utuu isaan karaa deemaa jiranuus namichi tokko Yesuusiin, “Ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe.
LUK 9:58 Yesuusis deebisee, “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu” jedhe.
LUK 9:59 Nama biraatiinis, “Na duukaa buʼi!” jedhe. Namichi garuu, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami” jedhee deebise.
LUK 9:60 Yesuusis, “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi” jedheen.
LUK 9:61 Ammas namni biraa, “Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami” jedhe.
LUK 9:62 Yesuusis deebisee, “Namni harkaan hordaa qabatee of duuba ilaalu kam iyyuu mootummaa Waaqaatiif hin malu” jedhe.
LUK 10:1 Kana booddee Gooftaan namoota biraa 72 muudee gara magaalaawwanii fi lafa ofii dhaquuf ture hundaatti lama lamaan of dura isaan erge.
LUK 10:2 Akkanas isaaniin jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.
LUK 10:3 Deemaa! Ani akka ilmoolee hoolaa gara gidduu yeeyyiitti isin erga.
LUK 10:4 Borsaa yookaan korojoo yookaan kophee hin qabatinaa; karaa irrattis nama tokko illee nagaa hin gaafatinaa.
LUK 10:5 “Yeroo mana tokko seentanitti dursaatii, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu’ jedhaa.
LUK 10:6 Yoo namni nagaa achi jiraate, nagaan keessan isaaf taʼa; yoo kanaa achii nagaan keessan isiniif deebiʼa.
LUK 10:7 Waan isaan isinii kennan hunda nyaachaa, dhugaas achuma turaa; hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni malaatii. Manaa gara manaatti hin labinaa.
LUK 10:8 “Yeroo magaalaa tokko seentanii simatamtanitti waanuma isinii dhiʼaate nyaadhaa.
LUK 10:9 Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa.
LUK 10:10 Yoo magaalaa tokko seentanii isin simachuu baatan garuu gara daandii magaalaatti baʼaatii akkana jedhaa;
LUK 10:11 ‘Nu akka akeekkachiisa isinii taʼuuf awwaara magaalaa keessanii illee miilla keenya irraa dhadhaʼanna. Taʼus waan kana beekaa: Mootummaan Waaqaa dhiʼaateera.’
LUK 10:12 Ani isinittin hima; gaafas magaalaa sana irra Sodoomiif ni salphata.
LUK 10:13 “Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii kan isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraa keessas tataaʼanii qalbii jijjiirratu turan.
LUK 10:14 Garuu guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata.
LUK 10:15 Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, Siiʼoolitti gad buuta.
LUK 10:16 “Namni isin dhagaʼu kam iyyuu na dhagaʼa; namni isin dhagaʼuu didu anas dhagaʼuu dida; namni na dhagaʼuu didu immoo isa na erge sana dhagaʼuu dida.”
LUK 10:17 Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, “Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru” jedhan.
LUK 10:18 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani utuu Seexanni akkuma balaqqeetti samii irraa buʼuu nan arge.
LUK 10:19 Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu.
LUK 10:20 Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa.”
LUK 10:21 Yesuus yeroo sana Hafuura Qulqulluudhaan gammachuun guutamee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha. Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.
LUK 10:22 “Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilmi eenyu akka taʼe hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaan eenyu akka taʼe hin beeku.”
LUK 10:23 Barattoota isaattis garagalee kophaatti akkana jedheen; “Iji waan isin argitan argu eebbifamaa dha.
LUK 10:24 Ani isinittin himaatii raajonnii fi mootonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu barbaadan; garuu hin argine. Waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu barbaadan; garuu hin dhageenye.”
LUK 10:25 Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Yesuusin qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, “Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate.
LUK 10:26 Yesuusis deebisee, “Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?” jedheen.
LUK 10:27 Namichis, “ ‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’” jedhee deebise.
LUK 10:28 Yesuusis, “Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa” jedheen.
LUK 10:29 Namichi sun garuu qajeelaa of gochuu barbaadee, “Ollaan koo eenyu?” jedhee Yesuusin gaafate.
LUK 10:30 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Namichi tokko utuu Yerusaalemii baʼee Yerikootti gad buʼaa jiruu harka saamtotaa seene. Isaanis uffata isaa irraa baafatanii, tumanii, duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman.
LUK 10:31 Lubni tokko utuu akkuma tasaa karaa sanaan gad buʼuu namicha argee irraa goree darbe.
LUK 10:32 Akkasumas namichi gosa Lewwii tokko yommuu iddoo sana gaʼeetti namicha sana argee irraa goree darbe.
LUK 10:33 Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef.
LUK 10:34 Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare.
LUK 10:35 Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, ‘Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kenna’ jedheen.
LUK 10:36 “Egaa jara sadan kanneen keessaa ollaan namicha harka saamtotaa seene sanaa isa kam seeta?”
LUK 10:37 Hayyuun seeraa sunis, “Isa garaa laafeef sana” jedheen. Yesuusis, “Atis dhaqiitii akkasuma godhi” jedheen.
LUK 10:38 Utuu karaa deemaa jiranuu Yesuus ganda tokko seene; dubartiin Maartaa jedhamtu tokkos mana isheetti isa simatte.
LUK 10:39 Isheenis obboleettii Maariyaam jedhamtu tokko qabdi turte; Maariyaamis miilla Gooftaa jala teessee waan inni jedhu dhaggeeffachaa turte.
LUK 10:40 Maartaan garuu baayʼina hojiitiin waan dadhabaa turteef gara isaa dhuftee, “Yaa Gooftaa, obboleettiin koo akka ani hojii hunda kophaa koo hojjedhu natti dhiisuun ishee si hin gaddisiisuu? Akka isheen na gargaartu itti himi!” jette.
LUK 10:41 Gooftaanis deebisee akkana jedheen; “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati waaʼee waan baayʼee yaaddofta; ni raafamtas.
LUK 10:42 Wanni barbaachisu garuu waanuma tokko qofa; Maariyaam isa caalu filatteerti; innis ishee irraa hin fudhatamu.”
LUK 11:1 Gaaf tokko Yesuus iddoo tokkotti kadhachaa ture; yommuu inni fixatettis, barattoota isaa keessaa namni tokko, “Yaa Barsiisaa, akkuma Yohannis barattoota isaa barsiise sana, atis kadhachuu nu barsiisi” jedheen.
LUK 11:2 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yommuu kadhattan akkana jedhaa: “ ‘Yaa Abbaa, maqaan kee haa qulqullaaʼu; mootummaan kee haa dhufu.
LUK 11:3 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa, guyyuma guyyaan nuu kenni.
LUK 11:4 Akkuma nus warra cubbuu nutti hojjetaniif dhiifnu sana atis cubbuu keenya nuu dhiisi; qoramatti nu hin galchin.’ ”
LUK 11:5 Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennuu; innis halkan walakkaa michuu isaa sana bira dhaqee, ‘Yaa michuu ko, mee buddeena sadii naa liqeessi;
LUK 11:6 michuun koo kan karaa deemu tokko natti goreeraatii; anis waanan dhiʼeessuuf tokko illee hin qabu’ haa jedhu.
LUK 11:7 Namichi mana keessaa sunis, ‘Na hin rakkisin; balballi cufameera; ijoolleen koos na wajjin siree irra jiru; ani kaʼee waan tokko illee siif kennuu hin dandaʼu’ jedhaanii?
LUK 11:8 Ani isinittin hima; sababii inni michuu isaa taʼeef jedhee kaʼee buddeena sana isaaf kennuu baatu illee, sababii ija jabina namicha sanaatiif jedhee kaʼee waan isa barbaachisu hunda ni kennaaf.
LUK 11:9 “Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.
LUK 11:10 Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
LUK 11:11 “Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu?
LUK 11:12 Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu?
LUK 11:13 Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!”
LUK 11:14 Yesuusis hafuura hamaa arrab-didaa taʼe tokko baasaa ture. Yommuu hafuurri hamaan sun baʼetti arrab-didaan sun ni dubbate; namoonnis ni dinqifatan.
LUK 11:15 Isaan keessaa namoonni tokko tokko garuu, “Inni Biʼeelzebuuliin, hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
LUK 11:16 Warri kaan immoo mallattoo samii irraa isa gaafachuudhaan isa qoran.
LUK 11:17 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu kam iyyuu ni diigama; manni gargar of qoodus ni jiga.
LUK 11:18 Seexanni yoo gargar of qoode, mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa? Wanni ani akkana jedhuuf sababii isin akka waan ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasuu dubbattaniif.
LUK 11:19 Egaa yoo ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ilmaan keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.
LUK 11:20 Garuu ani quba Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.
LUK 11:21 “Yommuu namni jabaan guutummaatti miʼa lolaa hidhate tokko mana isaa eeggatutti, qabeenyi isaa nagaadhaan taaʼaaf.
LUK 11:22 Garuu namni jabinaan isa caalu tokko yoo lolee isa moʼate, miʼa lolaa kan namichi sun amanate sana isa irraa fudhatee boojuu isaas qoqqooda.
LUK 11:23 “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.
LUK 11:24 “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaakeessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha.
LUK 11:25 Yommuu achi gaʼuttis manicha haramee qulqulleeffamee argata.
LUK 11:26 Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata.”
LUK 11:27 Utuu Yesuus waan kana dubbachaa jiruu, dubartiin tokko namoota gidduudhaa sagalee ishee ol fudhattee, “Garaan si baate, harmi ati hootes eebbifamaa dha” jette.
LUK 11:28 Inni garuu deebisee, “Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Waaqaa dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha” jedhe.
LUK 11:29 Akkuma baayʼinni namootaa dabalameen Yesuus akkana jedhe; “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha. Inni mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon tokko iyyuu isaaf hin kennamu.
LUK 11:30 Akkuma Yoonaas mallattoo saba Nanawwee ture sana, Ilmi Namaas mallattoo dhaloota kanaa ni taʼaatii.
LUK 11:31 Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti namoota dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii. Kunoo kan Solomoonin caalu as jira.
LUK 11:32 Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo kan Yoonaasin caalu as jira.
LUK 11:33 “Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee iddoo hin mulʼanne yookaan gombisaa jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa isaa arganiif baattuu isaa irra kaaʼu.
LUK 11:34 Iji kee ibsaa dhagna keetii ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu dhagni kees dukkanaan guutama.
LUK 11:35 Kanaafuu akka ifni si keessaa dukkana hin taaneef of eeggadhu.
LUK 11:36 Egaa yoo dhagni kee hundinuu ifaan guutame, yoo kutaan tokko iyyuu dukkana hin qabaatin, akkuma waan ifni ibsaa tokkoo ifa isaatiin siif ibsuutti dhagni kee guutummaatti ifa ni qabaata.”
LUK 11:37 Akkuma Yesuus haasaa isaa fixateen Fariisota keessaa namichi tokko akka Yesuus isa wajjin nyaata nyaatuuf mana isaatti isa waame; Yesuusis ol seenee maaddiitti dhiʼaate.
LUK 11:38 Fariisichi garuu akka Yesuus nyaataan dura hin dhiqatin argee dinqisiifate.
LUK 11:39 Gooftaanis akkana isaan jedhe; “Isin Fariisonni duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu saamichaa fi hamminaan guutameera.
LUK 11:40 Yaa namoota gowwoota! Inni duuba isaa uume sun keessa isaa immoo hin uumnee?
LUK 11:41 Isin garuu waan xoofoo fi caabii keessa jiru hiyyeeyyiif kennaa; yoos wanni hundinuu isinii qulqullaaʼaa.
LUK 11:42 “Fariisota nana isiniif wayyoo! Isin insilaala, cilaaddaamaa fi biqiltuu gosa hundaa kudhan keessaa tokko Waaqaaf ni kennitu; murtii qajeelaa fi jaalala Waaqaa garuu ni tuffattu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa booddee hojii irra oolchuu qabdu ture.
LUK 11:43 “Yaa Fariisota, isiniif wayyoo! Isin manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallattu.
LUK 11:44 “Isin sababii awwaala mallattoo hin qabne kan namoonni utuu hin beekin irra deeman fakkaattaniif isinii wayyoo!”
LUK 11:45 Hayyoota seeraa keessaas tokko deebisee, “Yaa Barsiisaa, ati yommuu waan kana jettutti nuus arrabsaa jirta!” jedheen.
LUK 11:46 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Hayyoota seeraa, isiniifis wayyoo! Isin baʼaa namni baachuu hin dandeenye isaanitti feetu; ofii keessanii garuu isaan gargaaruudhaaf qubaan illee hin tuqxan.
LUK 11:47 “Isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; kan isaan ajjeeses abbootuma keessan.
LUK 11:48 Kanaafuu isin akka waanuma abbootiin keessan hojjetan sana deeggartan dhugaa baatu; isaan raajota ajjeesan; isin immoo awwaala raajotaa ijaartu.
LUK 11:49 Sababii kanaaf Waaqni ogummaa isaatiin, ‘Ani raajotaa fi ergamoota isaanittin erga; namoonni sunis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu; kaan immoo ni ariʼatu’ jedhe.
LUK 11:50 Kanaaf dhaloonni kun dhiiga raajota hundaa kan uumama addunyaatii jalqabee dhangalaʼetti ni gaafatama;
LUK 11:51 dhiiga Abeel irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa gidduutti ajjeefame sanaatti ni gaafatama. Eeyyee ani isinittin hima; dhaloonni kun waan kana hundumatti ni gaafatama.
LUK 11:52 “Yaa hayyoota seeraa, isiniif wayyoo! Isin furtuu beekumsaa fudhattaniirtu. Ofii keessanii hin seenne; warra seenaa turanis dhowwitaniirtu.”
LUK 11:53 Yommuu Yesuus achii deemetti, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa jabeessanii isaan mormuu, akka inni waan baayʼee dubbatuufis isa tuttuquu jalqaban.
LUK 11:54 Waan afaan isaatii baʼuun isa qabuufis eeggachaa turan.
LUK 12:1 Gidduu sana yommuu tuunni namoota kuma hedduu tokko hamma isaan wal irra ejjetanitti walitti qabametti, Yesuus duraan dursee barattoota isaatiin akkana jechuu jalqabe; “Raacitii Fariisotaa irraa of eeggadhaa; kunis fakkeessitummaa dha.
LUK 12:2 Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiru.
LUK 12:3 Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.
LUK 12:4 “Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa.
LUK 12:5 Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee gahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa.
LUK 12:6 Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Waaqni hin irraanfatu.
LUK 12:7 Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
LUK 12:8 “Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa.
LUK 12:9 Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula ergamoota Waaqaa duratti ni ganama.
LUK 12:10 Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu hundaaf ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu hin dhiifamu.
LUK 12:11 “Yommuu manneen sagadaa, bulchitootaa fi abbootii taayitaa duratti dhiʼeeffamtanitti akkamitti akka falmattan yookaan maal akka jettan hin yaaddaʼinaa.
LUK 12:12 Hafuurri Qulqulluun yeruma sana Waan isin jechuu qabdan isin barsiisaatii.”
LUK 12:13 Tuuta sana keessaa namichi tokko, “Yaa Barsiisaa, akka obboleessi koo dhaala naa hiruuf maaloo itti naa dubbadhu” jedheen.
LUK 12:14 Yesuus garuu deebisee, “Namana, eenyutu isin gidduutti abbaa murtii yookaan hirtuu dhaalaa na godhe?” jedheen.
LUK 12:15 Innis, “Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii” jedheen.
LUK 12:16 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Lafti qotiisaa namicha sooressa tokkoo midhaan guddaa kenneef.
LUK 12:17 Namichi sunis, ‘Ani waan lafan itti midhaan koo galfadhu hin qabneef maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaade.
LUK 12:18 “Innis akkana jedhe; ‘Wanni ani godhu kana; gombisaa koo diigee guddaa isaa nan ijaarradha; midhaan koo fi miʼa koo hunda achittin kuufadha.
LUK 12:19 Lubbuu kootiinis, “Yaa lubbuu ko, ati waan gaarii hedduu kan waggaa baayʼeef kuufame qabda; boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis” nan jedha.’
LUK 12:20 “Waaqni garuu, ‘Yaa gowwicha, edanuma lubbuu kee sirraa fudhachuu barbaadu; egaa wanni ati walitti qabatte sun kan eenyuu taʼa?’ jedheen.
LUK 12:21 “Kanaafuu namni ofii isaatiif badhaadhummaa kuufatee fuula Waaqaa duratti immoo hin sooromin kam iyyuu akkasuma taʼa.”
LUK 12:22 Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘maal nyaanna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa.
LUK 12:23 Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii.
LUK 12:24 Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Waaqni isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu!
LUK 12:25 Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼu eenyu?
LUK 12:26 Yoos isin erga waan xinnoo akkasii illee godhachuu hin dandeenye, maaliif waan biraaf yaaddoftu ree?
LUK 12:27 “Daraaraawwan bosonaa akkamitti akka guddatan mee ilaalaa; isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.
LUK 12:28 Isin yaa warra amantii xinnoo nana! Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo hammam kana caalaa haa uffisuu ree.
LUK 12:29 Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa.
LUK 12:30 Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
LUK 12:31 Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.
LUK 12:32 “Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.
LUK 12:33 Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes samii irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa.
LUK 12:34 Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii.
LUK 12:35 “Tajaajilaaf hidhadhaatii qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsadhaa;
LUK 12:36 akkuma namoota yommuu Gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee balbala dhadhaʼutti dafanii isaaf banuuf jedhanii qophaaʼanii isa eeganii taʼaa.
LUK 12:37 Garboonni gooftaan isaanii yeroo galutti isaanii dammaqanii jiran argu sun eebbifamoo dha; ani dhuguman isinitti hima; inni marxifatee akka isaan nyaataaf taaʼan ni godha; dhufees isaan tajaajila.
LUK 12:38 Garboonni gooftaan isaanii halkanicha keessaa kutaa lammaffaatti yookaan kutaa sadaffaatti dhufee akkasuma isaanii dammaqanii jiran isaan argu sun eebbifamoo dha.
LUK 12:39 Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu saʼaatii kamitti akka hattuun dhuftu beekee, silaa akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.
LUK 12:40 Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.”
LUK 12:41 Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo nama hundumatti himta?” jedhee gaafate.
LUK 12:42 Gooftaanis akkana jedhee deebise; “Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu?
LUK 12:43 Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.
LUK 12:44 Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.
LUK 12:45 Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe,
LUK 12:46 gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada.
LUK 12:47 “Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama.
LUK 12:48 Nama utuu hin beekin waan isa adabamsiisu hojjete garuu adaba salphaatu isa irra gaʼa. Nama wanni baayʼeen itti kenname hunda irraa waan baayʼeetu eegama; nama imaanaan guddaan itti kenname irraa immoo kan caalutu barbaadama.
LUK 12:49 “Ani ibidda lafa irra buusuufin dhufe; utuu inni ammuma iyyuu qabatee ani akkam hawwa!
LUK 12:50 Garuu cuuphaa ani cuuphamu tokkotu jira; hamma inni raawwatamutti ani akka malee nan dhiphadha!
LUK 12:51 Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe seetuu? Akkas miti; ani isinittin hima; ani gargar baʼuu fiduufan dhufe malee nagaa buusuuf hin dhufne.
LUK 12:52 Siʼachi maatiin nama shan qabu tokko gargar qoodama; namni sadii nama lamatti kaʼa; namni lama immoo nama sadiitti kaʼa.
LUK 12:53 Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti, haati intalatti, intalli haadhatti, amaatiin niitii ilmaatti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaʼuudhaan gargar baʼu.”
LUK 12:54 Yesuusis tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yommuu duumessa karaa lixa biiftuutiin ol baʼu argitanitti yeruma sana, ‘Bokkaan ni rooba’ jettu; innis ni rooba.
LUK 12:55 Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti immoo, ‘Ni hoʼa’ jettu; innis ni hoʼa.
LUK 12:56 Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi samiitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?
LUK 12:57 “Isin maaliif ofuma keessanii waan qajeelaa hin murteessine?
LUK 12:58 Ati yommuu amajaajii kee wajjin gara abbaa murtii dhaqxutti, karuma irratti isaan walitti araaramuu cimsii yaali; yoo kanaa achii amajaajiin kee abbaa seeraatti si geessa; abbaan seeraas dabarsee poolisiitti si kenna; poolisiin immoo mana hidhaatti si darbata.
LUK 12:59 Ani sitti nan hima; ati hamma saantima ishee dhumaa of irraa baaftutti achii hin baatu.”
LUK 13:1 Yeroo sana namoonni waaʼee warra Galiilaa kanneen Phiilaaxoos dhiiga isaanii aarsaa isaaniitti make sanaa Yesuusitti himan tokko tokko achi turan.
LUK 13:2 Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Sababiin namoonni Galiilaa kunneen akkas dhiphataniif waan isaan saba Galiilaa kaan hunda irra cubbamoota turaniif seetuu?
LUK 13:3 Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu.
LUK 13:4 Yookaan namoonni kudha saddeettan gamoon Saliihoom isaan irratti jigee isaan fixe sun warra Yerusaalem keessa jiraatan kaan hunda irra waan yakka hojjetan seetuu?
LUK 13:5 Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu.”
LUK 13:6 Innis akkana jedhee fakkeenya kana dubbate; “Namichi tokko muka harbuu kan iddoo dhaabaa wayinii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; innis muka sana irra ija barbaaduu dhaqee waan tokko illee dhabe.
LUK 13:7 Innis hojjetaa iddoo dhaaba wayinichaatiin, ‘Ani waggaa sadan darban kana muka harbuu kana irraa ija barbaadachuuf jedhee marmaaraan ture; garuu waan tokko illee irraa hin arganne; muriitii gati! Inni maaliif lafa balleessa?’ jedhe.
LUK 13:8 “Namichi sunis deebisee akkana jedheen; ‘Yaa Gooftaa, anuu naannoo isaa qoteen xaaʼoo itti naqaatii mee wagguma tokko haa turu.
LUK 13:9 Yoo inni waggaa dhufu ija naqate, gaarii dha! Yoo kanaa achii murtee gatuu dandeessa.’ ”
LUK 13:10 Yesuus guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture.
LUK 13:11 Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte.
LUK 13:12 Yesuusis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, “Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta” jedheen,
LUK 13:13 Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Waaqa galateeffatte.
LUK 13:14 Bulchaan mana sagadaas sababii Yesuus guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, “Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa” jedhe.
LUK 13:15 Gooftaan immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa fakkeessitoota! Isin keessaa namni guyyaa Sanbataa qotiyyoo isaa yookaan harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa?
LUK 13:16 Yoos dubartiin kun intalli Abrahaam kan Seexanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?”
LUK 13:17 Yommuu inni waan kana dubbatetti mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni garuu hojjiiwwan dinqii kanneen inni hojjechaa ture hundatti ni gammadan.
LUK 13:18 Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa?
LUK 13:19 Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan.”
LUK 13:20 Amma illee akkana jedhee gaafate; “Ani mootummaa Waaqaa maaliinan wal fakkeessa?
LUK 13:21 Inni raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
LUK 13:22 Yesuusis utuu gara Yerusaalem deemuu namoota barsiisaa magaalaawwanii fi gandoota keessa darbaa ture.
LUK 13:23 Namichi tokkos, “Yaa Gooftaa warri fayyifaman namoota muraasa qofaa?” jedhee isa gaafate. Innis akkana isaaniin jedhe;
LUK 13:24 “Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan.
LUK 13:25 Abbaan mana sanaa takkaa kaʼee balbalicha cufannaan isin ala dhaabatanii balbala rurrukutaa, ‘Yaa Gooftaa balbala nuu bani’ jettanii kadhattu. “Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku’ isiniin jedha.
LUK 13:26 “Isin immoo, ‘Nu si wajjin nyaannee dhugneerra; atis daandii keenya irratti barsiifteerta’ jettuun.
LUK 13:27 “Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku. Isin warri hammina hojjettan hundinuu na biraa badaa!’ jedha.
LUK 13:28 “Yommuu Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raajota hunda mootummaa Waaqaa keessatti argitanii, ofii keessanii immoo gad darbatamtan, achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.
LUK 13:29 Namoonnis baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa dhufanii mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.
LUK 13:30 Dhugumaanuu kanneen warra dhumaa taʼan keessaa kanneen warra jalqabaa, kanneen warra jalqabaa taʼan keessaa immoo warra dhumaa taʼan jiru.”
LUK 13:31 Yeroo sana Fariisota keessaa namoonni tokko tokko gara Yesuus dhufanii, “Sababii Heroodis si ajjeesuu barbaaduuf asii deemii iddoo biraa dhaqi” jedhaniin.
LUK 13:32 Innis akkana jedhee deebise; “Dhaqaatii waangoo sanaan, ‘Kunoo, ani harʼaa fi bori hafuurota hamoo nan baasa; namoota dhukkubsatanis nan fayyisa; guyyaa sadaffaatti immoo hojii koo nan fixadha’ jedhaa.
LUK 13:33 Waan fedhe iyyuu taanaan, ani harʼaa fi bori, iftaanis adeemsa koo itti fufuutu naa mala; raajiin Yerusaalemiin alatti duʼuu hin qabuutii!
LUK 13:34 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
LUK 13:35 Kunoo, manni keessan onee isinii hafa. Ani isinittin hima; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’jettanitti lammata na hin argitan.”
LUK 14:1 Guyyaa Sanbataa tokko yommuu Yesuus buddeena nyaachuuf mana Fariisicha beekamaa tokkoo dhaqetti, namoonni xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
LUK 14:2 Namichi dhagni isaa dhiitaʼe tokkos fuula isaa dura ture.
LUK 14:3 Yesuusis, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun ni eeyyamama moo hin eeyyamamu?” jedhee Fariisotaa fi hayyoota seeraa gaafate.
LUK 14:4 Isaan garuu ni calʼisan; innis namicha harkaan qaqqabee fayyisee gad isa lakkise.
LUK 14:5 Innis, “Isin keessaa namni tokko yoo ilma yookaan qotiyyoo guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe qabaate, inni yeruma sana harkisee boolla keessaa hin baasuu?” jedhee isaan gaafate.
LUK 14:6 Isaan garuu deebii kennuu hin dandeenye.
LUK 14:7 Innis yommuu akka keessumoonni sun iddoo ulfinaa filatan hubatetti akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
LUK 14:8 “Yoo namni tokko cidha fuudhaa fi heerumaatti si waame, iddoo ulfinaa hin taaʼin; tarii namni si caalaa ulfina qabu tokko waamameera taʼaatii.
LUK 14:9 Namichi isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Namicha kanaaf kaʼi’ siin jedha; atis qaanoftee dhaqxee lafa iddoo hundumaa gad taʼe teessa.
LUK 14:10 Ati garuu yommuu waamamtu akka namichi si waame sun yeroo dhufutti, ‘Yaa michuu koo iddoo ol aanutti hiiqi’ siin jedhuuf dhaqii lafa iddoo hundumaa gad taʼe taaʼi; yoos fuula warra si wajjin maaddiitti dhiʼaatan hundumaa duratti ulfina argattaatii.
LUK 14:11 Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”
LUK 14:12 Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama.
LUK 14:13 Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami.
LUK 14:14 Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”
LUK 14:15 Warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaatan keessaa namichi tokko yommuu waan kana dhagaʼetti Yesuusiin, “Namni mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti dhiʼaatu eebbifamaa dha” jedhe.
LUK 14:16 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namichi tokko cidha guddaa qopheessee keessumoota hedduu affeere.
LUK 14:17 Namichi sunis saʼaatii nyaataatti akka inni, ‘Kunoo, wanni hundinuu qopheeffameeraatii kottaa’ jedhee warra affeeraman sanatti himuuf garbicha isaa erge.
LUK 14:18 “Garuu isaan hundi bifuma tokkoon sababa dhiʼeeffachuu jalqaban; inni jalqabaa, ‘Ani lafa qotiisaa bitadheera; kanaafuu dhaqeen ilaaluu qabaatii maaloo na hin komatin’ jedheen.
LUK 14:19 “Inni kaan, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan bitadheera; isaan leenjisuuf deemuuttin jiraatii, maaloo na hin komatin’ jedheen.
LUK 14:20 “Amma illee inni kaan, ‘Ani dhiʼoon niitii fuudhe; kanaafuu dhufuu hin dandaʼu’ jedheen.
LUK 14:21 “Garbichi sunis deebiʼee waan kana gooftaa isaatti hime. Abbaan mana sanaas aaree, ‘Dafii karaa guddaa fi daandii qalʼaa magaalaatti achi baʼiitii hiyyeeyyii, naafa, jaamaa fi okkolaa fidii ol seensis’ jedhee garbicha isaa ajaje.
LUK 14:22 “Garbichi sunis, ‘Yaa gooftaa, wanni ati ajajje hundi raawwateera; garuu amma illee iddoon jira’ jedheen.
LUK 14:23 “Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi.
LUK 14:24 Ani isinittin hima; namoota waamaman sana keessaa namni tokko iyyuu maaddii koo irraa afaaniin hin qabu.’ ”
LUK 14:25 Namoonni baayʼeen Yesuus wajjin deemaa turan; innis garagalee akkana isaaniin jedhe;
LUK 14:26 “Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
LUK 14:27 Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
LUK 14:28 “Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?
LUK 14:29 Yoo kanaa achii yommuu inni hundee kaaʼee fixuu dadhabutti, namoonni argan hundi itti qoosu.
LUK 14:30 Isaanis, ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee fixuu dadhabe’ jedhu.
LUK 14:31 “Yookaan mee mootiin tokko mootii biraa loluu dhaqa haa jennuu; inni mootii loltoota kuma digdamaan isatti dhufu tokko loltoota kuma kudhaniin of irraa loluu dandaʼuu fi dandaʼuu baachuu isaa duraan dursee taaʼee itti hin yaaduu?
LUK 14:32 Yoo hin dandeenye immoo utuu mootichi kaan isa irraa fagoo jiruu bakka buʼoota itti ergee akka nagaan buʼu kadhata.
LUK 14:33 Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
LUK 14:34 “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo inni miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa?
LUK 14:35 Inni biyyoof yookaan tuulaa kosiitiif faayidaa hin qabu; inni gad gatama. “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”
LUK 15:1 Gaaf tokko warri qaraxa fuudhanii fi cubbamoonni hundi Yesuusin dhaggeeffachuudhaaf isa biratti walitti qabamaa turan.
LUK 15:2 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu, “Namichi kun cubbamoota simata; isaan wajjinis ni nyaata” jedhanii guunguman.
LUK 15:3 Yesuusis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
LUK 15:4 “Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu?
LUK 15:5 Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee,
LUK 15:6 mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha.
LUK 15:7 Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
LUK 15:8 “Yookaan mee dubartii saantima meetii kudhan qabdu jalaa tokko badeera haa jennuu; isheen ibsaa qabsiifattee, manas hartee hamma saantima sana argatutti jabeessitee hin barbaaddattuu?
LUK 15:9 Isheenis yommuu argatutti michoota isheetii fi olloota ishee walitti waamtee, ‘Ani saantima koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jetti.
LUK 15:10 Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.”
LUK 15:11 Yesuus ittuma fufee akkana jedhe; “Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture.
LUK 15:12 Ilmi quxisuun abbaa isaatiin ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kenni’ jedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire.
LUK 15:13 “Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse.
LUK 15:14 Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe.
LUK 15:15 Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge.
LUK 15:16 Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture.
LUK 15:17 “Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; ‘Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa.
LUK 15:18 Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera.
LUK 15:19 Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.” ’
LUK 15:20 Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate.
LUK 15:21 “Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen.
LUK 15:22 “Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa.
LUK 15:23 Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus.
LUK 15:24 Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban.
LUK 15:25 “Yeroo sanatti ilmi inni hangafti lafa qotiisaa ture; innis yeroo dhufee manatti dhiʼaatetti muuziiqaa fi sirba dhagaʼe.
LUK 15:26 Kanaafuu tajaajiltoota keessaa nama tokko waamee waan taʼaa jiru gaafate.
LUK 15:27 Tajaajilaan sunis deebisee, ‘Obboleessi kee galeera; abbaan kees waan ilma isaa nagaa fi fayyaadhaan argateef dibicha gabbataa qale’ jedheen.
LUK 15:28 “Obboleessi hangafni garuu aaree ol seenuu dide; kanaaf abbaan isaa gad baʼee isa kadhate.
LUK 15:29 Inni immoo deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe; ‘Ilaa ani waggoota kanneen hunda akkuma garbaatti siif hojjechaan ture; ajaja kee illee didee hin beeku. Ati garuu akka ani michoota koo wajjin gammaduuf takkumaa ilmoo reʼee tokko illee naa hin kennine.
LUK 15:30 Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota wajjin qabeenya kee balleesse kun deebiʼee manatti gallaan dibicha gabbataa qalteef!’
LUK 15:31 “Abbaan isaas akkana jedheen; ‘Yaa ilma koo ati yeroo hunda anuma wajjin jirta; wanni ani qabu hundinuus kanuma kee ti.
LUK 15:32 Garuu obboleessi kee inni duʼee ture kun waan jireenyatti deebiʼeef nu gammaduu fi ililchuu qabna. Inni badee ture; amma immoo argameera.’ ”
LUK 16:1 Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namicha sooressa nama hojii isaa adeemsisuuf qabu tokkotu ture; akka hojii adeemsisaan sun qabeenya isaa jalaa balleessaa jirus sooressa sanatti himan.
LUK 16:2 Sooressi sunis hojii adeemsisaa sana ofitti waamee, ‘Wanni ani waaʼee kee dhagaʼu kun maalii? Ati siʼachi waan hojii adeemsisaa taʼuu hin dandeenyeef, hojii adeemsisaa turte sana irratti gabaasa naa dhiʼeessi’ jedheen.
LUK 16:3 “Hojii adeemsisaan sunis garaa isaa keessatti akkana jedhe; ‘Waan gooftaan koo hojii keessaa na baasuuf, maal naa wayya? Lafa qotuuf humna hin qabu; kadhachuu immoo nan qaanaʼa.
LUK 16:4 Akka yeroo ani hojii keessaa ariʼamutti namoonni mana isaaniitti na simataniif waanan godhu anuu beeka.’
LUK 16:5 “Innis warra gatiin gooftaa isaa irra jiru tokko tokkoon waamee, isa jalqabaatiin, ‘Idaan gooftaa koo hammamitu sirra jira?’ jedhee gaafate.
LUK 16:6 “Namichis, ‘Zayitii ejersaa hubboo dhibba saddeeti’ jedhee deebise. “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼu; dafii taaʼiitii dhibba afur jedhii barreessi’ jedheen.
LUK 16:7 “Isa lammaffaadhaanis, ‘Sirra immoo hammamitu jira?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Qamadii guuboo kuma tokkoo’ jedheen. “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼuutii, 80 jedhii barreessi’ jedheen.
LUK 16:8 “Hojii adeemsisaan hin amanamne sun waan abshaala taʼeef gooftichi isa jaje; namoonni addunyaa kanaa warra akka isaanii wajjin haajaa isaanii guutachuu irratti namoota ifaa caalaa abshaalotaatii.
LUK 16:9 Ani isinittin hima; akka isaan yeroo qabeenyi sun dhumutti mana bara baraatti isin simataniif qabeenya addunyaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.
LUK 16:10 “Namni waan xinnootti amanamu kam iyyuu waan baayʼeettis ni amanama; namni waan xinnootti hin amanamne kam iyyuu immoo waan baayʼeettis hin amanamu.
LUK 16:11 Yoos isin yoo qabeenya addunyaatti hin amanamne, qabeenya dhugaatti immoo eenyutu isin amana ree?
LUK 16:12 Yoo isin qabeenya nama biraa irratti hin amanamne, qabeenya mataa keessanii immoo eenyutu isinii kenna ree?
LUK 16:13 “Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.”
LUK 16:14 Fariisonni warri maallaqa jaallatan waan kana hunda dhagaʼanii Yesuusitti qoosan.
LUK 16:15 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin warra fuula namootaa duratti qajeeltota of gootanii dha; Waaqni garuu garaa keessan beeka. Wanni nama biratti akka malee kabajamu fuula Waaqaa duratti jibbisiisaadhaatii.
LUK 16:16 “Seerrii fi raajonni hamma Yohannisitti labsaman. Yeroo sanaa jalqabee wangeelli mootummaa Waaqaa lallabamaa jira; namni hundinuus itti galuuf wal dhiiba.
LUK 16:17 Seera keessaa tuqaan hundumaa gadii dhabamuu irra samii fi lafti dhabamuutu salphata.
LUK 16:18 “Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata; namni dubartii dhirsa ishee hiikte fuudhus ejja raawwata.
LUK 16:19 “Namicha sooressa uffata dhiilgee haphii kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, guyyuma guyyaan qananiidhaan jiraatu tokkotu ture.
LUK 16:20 Karra isaa dura immoo namichi hiyyeessi Alʼaazaar jedhamu kan dhagni isaa hundi mammadaaʼe tokko ciisaa ture.
LUK 16:21 Innis hambaa maaddii sooressa sanaa irraa harcaʼu illee nyaachuu ni kajeela ture; saroonni iyyuu dhufanii madaa isaa arraabu turan.
LUK 16:22 “Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan ergamoonni Waaqaa isa baatanii gara bobaa Abrahaamitti isa geessan; sooressichis duʼee awwaalame.
LUK 16:23 Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Abrahaamin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Abrahaam keessatti arge.
LUK 16:24 Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Abrahaam, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen.
LUK 16:25 “Abrahaam garuu akkana jedhee deebise; ‘Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta.
LUK 16:26 Waan kana hunda irrattis, akka warri nu biraa gara keessan dhufuu barbaadan dhufuu hin dandeenyeef yookaan akka warri isin biraa gara keenyatti ceʼuu hin dandeenyeef nuu fi isin gidduu boolla guddaatu jira.’
LUK 16:27 “Dureessi sunis akkana jedhee deebise; ‘Yoos yaa Abbaa, akka ati gara mana abbaa kootti Alʼaazaarin naa ergitu sin kadhadha;
LUK 16:28 ani obboloota shan qabaatii; akka isaanis iddoo dhiphinaa kana hin dhufneef inni dhaqee isaan haa akeekkachiisu.’
LUK 16:29 “Abrahaam garuu, ‘Isaan Musee fi raajota qabu; isaanuma haa dhagaʼan’ jedhe.
LUK 16:30 “Dureessichis, ‘Akkas miti; yaa abbaa koo Abrahaam; yoo warra duʼan keessaa namni tokko gara isaanii dhaqe garuu, isaan qalbii ni jijjiirratu’ jedheen.
LUK 16:31 “Abrahaamis, ‘Isaan yoo Musee fi raajota hin dhageenye, yoo namni tokko warra duʼan keessaa kaʼe illee hin amanan’ jedheen.”
LUK 17:1 Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Wantoonni akka namoonni gufatan godhan dhufuun hin oolu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufaniif wayyoo!
LUK 17:2 Inni warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee gufachiisuu mannaa dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti utuu darbatamee isaa wayya ture.
LUK 17:3 Kanaafuu of eeggadhaa. “Yoo obboleessi kee yakka sitti hojjete isa ifadhu; yoo inni qalbii jijjiirrate immoo dhiifama godhiif.
LUK 17:4 Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”
LUK 17:5 Ergamoonnis Gooftaadhaan, “Amantii keenya nuu guddisi” jedhan.
LUK 17:6 Innis akkana jedhee deebise; “Isin amantii xinnoo hamma ija sanaaficaa illee yoo qabaattan, muka qilxuu kanaan, ‘Buqqaʼiitii galaana keessa dhaabami!’ jechuu dandeessu; innis isinii ajajama.
LUK 17:7 “Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan kan hoolota tiksu qaba haa jennu; inni yeroo garbichi sun alaa galutti, ‘Dafii kottuutii taaʼii waa nyaadhu’ jedhaanii?
LUK 17:8 Qooda kanaa inni garbicha sanaan, ‘Irbaata naa qopheessi; hamma ani nyaadhee dhugutti marxifadhuutii na tajaajili; sana booddee ati ni nyaattaa; ni dhugdas’ hin jedhuunii?
LUK 17:9 Namichis sababii garbichi sun waan ajajame sana raawwateef isa ni galateeffataa?
LUK 17:10 Kanaafuu isinis yommuu waan ajajamtan hunda raawwattanitti, ‘Nu garboota faayidaa hin qabnee dha; waanuma hojjechuu qabnu qofa hojjenne’ jedhaa.”
LUK 17:11 Yesuus utuu Yerusaalem dhaquu Samaariyaa fi Galiilaa gidduu darbaa ture.
LUK 17:12 Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii,
LUK 17:13 sagalee isaanii ol fudhatanii, “Yesuus yaa Gooftaa, nuu naʼi!” jedhan.
LUK 17:14 Innis yommuu isaan argetti, “Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!” jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.
LUK 17:15 Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe.
LUK 17:16 Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.
LUK 17:17 Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan?
LUK 17:18 Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Waaqaaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?”
LUK 17:19 Yesuusis, “Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii” jedheen.
LUK 17:20 Fariisonnis mootummaan Waaqaa yoom akka dhufu Yesuusin gaafatan; innis akkana jedhee deebiseef; “Mootummaan Waaqaa namatti mulʼachaa hin dhufu;
LUK 17:21 namoonnis, ‘Mootummaan Waaqaa kunoo as jira’ yookaan ‘Kuunnoo achi jira’ hin jedhan; mootummaan Waaqaa isin gidduu jiraatii.”
LUK 17:22 Innis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Yeroon isin itti guyyoota Ilma Namaa keessaa isa tokko arguu hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan.
LUK 17:23 Namoonni, ‘Inni kuunnoo achi jira!’ yookaan ‘Kunoo as jira’ isiniin jedhu; isin garuu hin dhaqinaa; isaan duukaas hin buʼinaa.
LUK 17:24 Ilmi Namaa guyyaa isaatti akkuma balaqqeessi balaqqeessaʼee gama tokkoo hamma gama kaaniitti samii ibsuu ni taʼaatii.
LUK 17:25 Inni garuu duraan dursee akka malee dhiphachuu fi dhaloota kanaan tuffatamuu qaba.
LUK 17:26 “Akkuma bara Nohi taʼe sana, yeroo Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.
LUK 17:27 Hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse.
LUK 17:28 “Bara Looxis akkasuma ture; namoonni nyaachaa, dhugaa, bitachaa, gurgurachaa, biqiltuu dhaabbachaa, manas ijaarrachaa turan.
LUK 17:29 Guyyaa Looxi Sodoomii baʼetti garuu ibiddii fi dinyiin samii irraa roobee hunda isaanii balleesse.
LUK 17:30 “Guyyaa Ilmi Namaa mulʼatuttis akkasuma taʼa.
LUK 17:31 Guyyaa sana namni bantii manaa irra jiru kan mana keessaa miʼa qabu miʼa sana fudhachuuf gad buʼuu hin malu. Akkasuma immoo namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu waan tokkoof illee manatti hin deebiʼin.
LUK 17:32 Niitii Looxi yaadadhaa!
LUK 17:33 Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata.
LUK 17:34 Ani isinittin hima; halkan sana namoonni lama siree tokko irra ni rafu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.
LUK 17:35 Dubartoonni lama walii wajjin midhaan daaku; isheen tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti. [
LUK 17:36 Namoonni lama lafa qotiisaa keessa jiru; tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.”]
LUK 17:37 Isaanis, “Yaa Gooftaa, eessatti?” jedhanii gaafatan. Innis, “Iddoo raqni jirutti gogocorroowwan walitti qabamu” jedhee deebiseef.
LUK 18:1 Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime.
LUK 18:2 Innis akkana jedhe; “Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Waaqa hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture.
LUK 18:3 Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.
LUK 18:4 “Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Waaqa hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee,
LUK 18:5 sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’ ”
LUK 18:6 Gooftaanis akkana jedhe; “Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa;
LUK 18:7 Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree?
LUK 18:8 Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?”
LUK 18:9 Yesuusis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime.
LUK 18:10 “Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan.
LUK 18:11 Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha.
LUK 18:12 Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’
LUK 18:13 “Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.
LUK 18:14 “Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”
LUK 18:15 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Yesuusitti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan.
LUK 18:16 Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.
LUK 18:17 Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
LUK 18:18 Bulchaan tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate.
LUK 18:19 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.
LUK 18:20 Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
LUK 18:21 Namichis, “Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe.
LUK 18:22 Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen.
LUK 18:23 Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii.
LUK 18:24 Yesuusis isa ilaalee akkana jedhe; “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!
LUK 18:25 Dhugumaan namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
LUK 18:26 Warri waan kana dhagaʼanis, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
LUK 18:27 Yesuusis, “Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama” jedhee deebise.
LUK 18:28 Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen.
LUK 18:29 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee,
LUK 18:30 bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.”
LUK 18:31 Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama.
LUK 18:32 Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus.
LUK 18:33 Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”
LUK 18:34 Barattoonni garuu waan kana hunda keessaa tokko illee hin hubanne; hiikkaan isaas isaan duraa dhokfamee ture. Inni maal akka dubbachaa tures isaaniif hin galle.
LUK 18:35 Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture.
LUK 18:36 Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate.
LUK 18:37 Isaanis, “Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira” jedhanii isatti himan.
LUK 18:38 Innis, “Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!” jedhee iyye.
LUK 18:39 Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
LUK 18:40 Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate;
LUK 18:41 “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” Namichis, “Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada” jedhee deebise.
LUK 18:42 Yesuusis, “Argi; amantiin kee si fayyiseeraa” jedheen.
LUK 18:43 Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan.
LUK 19:1 Yesuus Yerikoo seenee achi keessa darbaa ture.
LUK 19:2 Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture.
LUK 19:3 Innis Yesuus nama akkamii akka taʼe arguu barbaade; garuu gabaabaa waan tureef, sababii baayʼina namootaatiif isa arguu hin dandeenye.
LUK 19:4 Yesuus waan karaa sana irra darbaa tureef, Zakkewoos isa arguuf jedhee fiigee dura darbee muka qilxuu tokko yaabe.
LUK 19:5 Yesuus yommuu iddoo sana gaʼetti ol milʼatee, “Yaa Zakkewoos, harʼa mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad buʼi” jedheen.
LUK 19:6 Innis yommusuma gad buʼee gammachuudhaan isa simate.
LUK 19:7 Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti, “Inni keessummaa ‘Nama cubbamaa’ taʼuu dhaqe!” jedhanii guungumuu jalqaban.
LUK 19:8 Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe.
LUK 19:9 Yesuus deebisee akkana jedheen; “Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera.
LUK 19:10 Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.”
LUK 19:11 Yesuusis utuma isaan waan kana dhagaʼaa jiranuu itti fufee, fakkeenya tokko isaanitti hime; kanas sababii inni Yerusaalemitti dhiʼaatee fi sababii namoonni waan mootummaan Waaqaa yeruma sana mulʼatu seʼaniif dubbate.
LUK 19:12 Innis akkana jedhe; “Namichi sanyii mootii tokko muudamee mootii taʼee deebiʼuuf biyya fagoo dhaqe.
LUK 19:13 Namichi sunis garboota isaa keessaa nama kudhan waamee, ‘Hamma ani deebiʼutti maallaqa kanaan daldalaa’ jedhee minnaanii kudhan isaanitti kenne.
LUK 19:14 “Namoonni biyya isaa garuu isa jibbanii, ‘Akka namichi kun nurratti mootii taʼu hin feenu!’ jedhanii bakka buʼoota isaanii isa duubaan ergatan.
LUK 19:15 “Innis erga muudamee mootii taʼee deebiʼee booddee garboonni inni maallaqa itti kennee ture sun ittiin daldalanii maal akka argatan beekuuf jedhee nama itti ergee isaan waamsise.
LUK 19:16 “Garbichi jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa kudhan dhaleera’ jedheen.
LUK 19:17 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii, ati waan gaarii hojjette. Sababii ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateef, magaalaa kudhan irratti taayitaa qabaadhu’ jedheen.
LUK 19:18 “Garbichi lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa shan dhaleera’ jedheen.
LUK 19:19 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Atis magaalaa shan irratti moʼi’ jedheen.
LUK 19:20 “Inni sadaffaan immoo dhufee akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee kunoo ti; ani huccuudhaan maree dhokseen ture.
LUK 19:21 Ati gara jabeessa waan taateef ani sin sodaadhe; ati waan hin kaaʼatin fudhatta; waan hin facaasinis haammatta.’
LUK 19:22 “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa nana; ani dubbuma afaan keetiitiin sittin mura; ati akka ani nama dabaa waan hin kaaʼatin fudhatu, waan hin facaasinis haammatu taʼe beekta mitii?
LUK 19:23 Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf maaliif maallaqa koo mana baankii naa hin kaaʼin ree?’
LUK 19:24 “Gooftichis warra achi dhadhaabataniin, ‘Minnaanii sana isa harkaa fuudhaatii namicha minnaanii kudhan qabuuf kennaa’ jedhe.
LUK 19:25 “Isaanis deebisanii, ‘Yaa Gooftaa, inni duraanuu minnaanii kudhan qaba’ jedhaniin.
LUK 19:26 “Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama;
LUK 19:27 diinota koo kanneen akka ani isaan irratti mootii taʼu hin barbaadin immoo as fidaatii fuula koo duratti isaan gogorraʼaa.’ ”
LUK 19:28 Yesuus erga waan kana dubbatee booddee Yerusaalemitti ol baʼuuf isaan dura deemaa ture.
LUK 19:29 Innis akkuma Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen tulluu Gaara Ejersaa jedhamu biraa sanatti dhiʼaateen barattoota isaa keessaa lama erge;
LUK 19:30 akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu. Isa hiikaatii as fidaa.
LUK 19:31 Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif hiiktu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada’ jedhaa.”
LUK 19:32 Warri ergamanis dhaqanii waan hunda akkuma inni isaanitti himetti argatan.
LUK 19:33 Utuu isaan ilmoo harree sana hiikaa jiranuus warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan.
LUK 19:34 Isaanis, “Gooftaatu isa barbaada” jedhanii deebisan.
LUK 19:35 Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis harree sana irra buusan; Yesuusinis irra teessisan.
LUK 19:36 Utuu inni deemuus namoonni uffata isaanii karaa irra afan.
LUK 19:37 Yeroo inni daandii Tulluu Ejersaa irraa gad buʼutti dhiʼaatettis, barattoonni hundi hojii dinqii arganii turan hundatti gammadanii, sagalee guddaan akkana jedhanii Waaqa galateeffachuu jalqaban.
LUK 19:38 “Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaatti!”
LUK 19:39 Namoota achi turan keessaas Fariisonni tokko tokko Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, barattoota kee ifadhu!” jedhan.
LUK 19:40 Innis deebisee, “Ani isinittin hima; yoo isaan calʼisan illee dhagoonni ni iyyu” jedheen.
LUK 19:41 Yesuusis yommuu Yerusaalemitti dhiʼaatee magaalattii argetti ni booʼeef;
LUK 19:42 akkanas jedhe; “Utuu atumti waan harʼa nagaa siif kennu beektee gaarii ture! Amma garuu ija kee duraa dhokfameera.
LUK 19:43 Guyyoonni itti diinonni kee koobii sitti ijaaranii, si marsanii, karaa hundaanis baʼuu si dhowwan sitti ni dhufuutii.
LUK 19:44 Diinonni siʼii fi ijoollee kee warra dallaa kee keessa jiraatan biyyootti maku. Isaan dhagaa tokko dhagaa kaan irratti hin dhiisan; ati yeroo itti Waaqni gara kee dhufu hin beekneetii.”
LUK 19:45 Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe.
LUK 19:46 Innis, “ ‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu” isaaniin jedhe.
LUK 19:47 Guyyuma guyyaanis mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi dura buʼoonni sabaa garuu isa ajjeesuudhaaf jabeessanii barbaadaa turan.
LUK 19:48 Taʼus isaan karaa ittiin isa ajjeesan hin arganne; namoonni hundinuu yaada tokkoon waan inni dubbate dhaggeeffachaa turaniitii.
LUK 20:1 Gaaf tokko utuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu wangeelas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan.
LUK 20:2 Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan.
LUK 20:3 Innis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa:
LUK 20:4 Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe?”
LUK 20:5 Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata.
LUK 20:6 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yohannis raajii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.”
LUK 20:7 Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan.
LUK 20:8 Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
LUK 20:9 Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture.
LUK 20:10 Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
LUK 20:11 Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan.
LUK 20:12 Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan.
LUK 20:13 “Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe.
LUK 20:14 “Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan.
LUK 20:15 Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan. “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata?
LUK 20:16 Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.” Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Waaqni waan kana hin fidin!” jedhan.
LUK 20:17 Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni, “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan dhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’?
LUK 20:18 Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
LUK 20:19 Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan.
LUK 20:20 Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan.
LUK 20:21 Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna.
LUK 20:22 Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
LUK 20:23 Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe;
LUK 20:24 “Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?” Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan.
LUK 20:25 Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
LUK 20:26 Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan.
LUK 20:27 Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan;
LUK 20:28 akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera.
LUK 20:29 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe.
LUK 20:30 Inni lammaffaan,
LUK 20:31 inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan.
LUK 20:32 Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
LUK 20:33 Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
LUK 20:34 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus.
LUK 20:35 Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis.
LUK 20:36 Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti.
LUK 20:37 Garuu Museen iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’jedhee waamaatii.
LUK 20:38 Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”
LUK 20:39 Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko, “Yaa Barsiisaa, dhugaa jette!” jedhanii deebisan.
LUK 20:40 Namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
LUK 20:41 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Kiristoosilma Daawit jechuu dandaʼu?
LUK 20:42 Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha; “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Karaa mirga koo taaʼi;
LUK 20:43 hamma ani diinota kee, ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’
LUK 20:44 Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
LUK 20:45 Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe;
LUK 20:46 “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
LUK 20:47 Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
LUK 21:1 Yesuusis ol milʼatee sooreyyii kennaa isaanii miʼa buusii keessa buusaa jiran arge.
LUK 21:2 Akkasumas haadha hiyyeessaa hiyyeettii tokko saantima sibiila diimaa xixinnoo lama buusuu ishee arge.
LUK 21:3 Innis akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra kaan hunda caalaa buufteerti.
LUK 21:4 Namoonni kunneen hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan ittiin jiraattu hunda kennite.”
LUK 21:5 Barattoota isaa keessaas tokko tokko waaʼee mana qulqullummaa, haala manni qulqullummaa sun dhagaawwan babbareedanii fi kennaawwan Waaqaaf kennamaniin itti miidhagfame dudubbachaa turan. Yesuus garuu akkana jedhe;
LUK 21:6 “Yeroon itti wanni isin ilaaltan kun hundinuu, utuu dhagaan tokko iyyuu wal irratti hin hafin diigamu tokko ni dhufa.”
LUK 21:7 Isaanis, “Yaa barsiisaa, wanni kun yoom taʼa? Mallattoon yeroo wanni kun itti fiixaan baʼuu gaʼuu maali?” jedhanii gaafatan.
LUK 21:8 Innis akkana jedhee deebise; “Isin akka hin gowwoomfamneef of eeggadha. Namoonni hedduun, ‘Ani isa; yeroon sun dhiʼaateera’ jechaa maqaa kootiin ni dhufuutii. Isin garuu isaan duukaa hin buʼinaa.
LUK 21:9 Yommuu waaʼee waraanaatii fi waaʼee fincilaa dhageessanitti, hin sodaatinaa. Wanni kun duraan dursee taʼuu qabaatii; dhumni garuu yeruma sana hin taʼu.”
LUK 21:10 Innis akkana isaaniin jedhe; “Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa.
LUK 21:11 Iddoo garaa garaatti sochiin lafaa guddaan, beellii fi golfaan ni taʼa; samii irrattis wanni sodaachisaanii fi mallattoon gurguddaan ni taʼa.
LUK 21:12 “Kana hunda dura garuu isaan isin qabu; isin ariʼatus. Dabarsanii manneen sagadaatti isin kennu; mana hidhaa keessas isin buusu; isin maqaa kootiif jettanii fuula moototaatii fi bulchitootaa duratti ni dhiʼeeffamtu.
LUK 21:13 Akkasiin isin anaaf dhugaa baatu.
LUK 21:14 Isin garuu akkamitti akka falmattan duraan dursitanii akka hin yaaddofne yaadatti qabadhaa.
LUK 21:15 Anuu afaanii fi ogummaa diinonni keessan tokko iyyuu dandaʼanii dura hin dhaabanne yookaan hin mormine isiniif nan kennaatii.
LUK 21:16 Abbaa fi haati, obboloonni, firoonnii fi michoonni dabarsanii isin kennu; isin keessaas tokko tokko ni ajjeesu.
LUK 21:17 Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba.
LUK 21:18 Garuu rifeensi mataa keessanii tokko iyyuu hin badu.
LUK 21:19 Isin jabaadhaa dhaabadhaa; yoos lubbuu keessan ni oolfattu.
LUK 21:20 “Isin yommuu Yerusaalem loltootaan marfamtee argitanitti akka badiin ishee dhiʼaate beekaa.
LUK 21:21 Yommus warri Yihuudaa keessa jiran gaarranitti haa baqatan; warri magaalaa keessa jiranis achii haa baʼan; warri baadiyyaa jiran immoo magaalaa hin seenin.
LUK 21:22 Akka wanni barreeffame hundinuu raawwatamuuf yeroon kun yeroo haaloo baasuutii.
LUK 21:23 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! Lafa irratti dhiphinni guddaan, saba kanatti immoo dheekkamsi ni dhufaatii.
LUK 21:24 Isaanis goraadeedhaan ajjeefamu; boojiʼamaniis biyyoota ormaa hundatti ni geeffamu; hamma barri Namoota Ormaa dhumutti Yerusaalem Namoota Ormaatiin dhidhiitamti.
LUK 21:25 “Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu.
LUK 21:26 Namoonnis sababii humnoonni samii irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu.
LUK 21:27 Isaanis yeroo sana utuu Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu.
LUK 21:28 Yommuu wanni kun taʼuu jalqabutti mataa keessan ol qabadhaa; olis ilaalaa; furamuun keessan dhiʼaateeraatii.”
LUK 21:29 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Mee muka harbuutii fi muka hunda ilaalaa.
LUK 21:30 Yommuu isaan baala baafatanitti isin mataan keessan iyyuu ilaaltanii akka bonni dhiʼaate beekuu dandeessu.
LUK 21:31 Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka mootummaan Waaqaa dhiʼaate ni beektu.
LUK 21:32 “Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
LUK 21:33 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
LUK 21:34 “Isin of eeggadhaa; yoo kanaa achii qalbiin keessan qananiidhaan, machii fi yaaddoo jireenyaatiin fudhatamee guyyaan sunis utuu isin hin beekin akkuma kiyyoo isin qabata.
LUK 21:35 Guyyaan sun warra lafa irra jiraatan hundatti ni dhufaatii.
LUK 21:36 Kanaafuu akka waan dhufuuf jiru hunda jalaa baataniif, akka fuula Ilma Namaa duras dhaabachuu dandeessaniif yeroo hunda dammaqaa; kadhadhaas.”
LUK 21:37 Yesuus guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; halkan halkan immoo tulluu Gaara Ejersaa jedhamu irra bula ture.
LUK 21:38 Namoonni hundinuus isa dhaggeeffachuuf jedhanii barii barraaqaan mana qulqullummaa dhufu turan.
LUK 22:1 Yeroo sana Ayyaanni Maxinoo kan Faasiikaa jedhamu dhiʼaate ture;
LUK 22:2 luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan namoota sodaataniif, mala ittiin Yesuusin ajjeesan barbaadaa turan.
LUK 22:3 Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale.
LUK 22:4 Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate.
LUK 22:5 Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan.
LUK 22:6 Innis tole jedhee yeroo namoonni hin jirretti Yesuusin dabarsee isaanitti kennuudhaaf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
LUK 22:7 Guyyaan Ayyaana Maxinoo kan hoolaan Faasiikaa itti qalamuu qabu gaʼee ture.
LUK 22:8 Yesuusis, “Akka Faasiikaa nyaannuuf dhaqaatii nuu qopheessaa” jedhee Phexrosii fi Yohannisin erge.
LUK 22:9 Isaanis, “Akka nu eessatti qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
LUK 22:10 Inni immoo deebisee akkana jedhe; “Akkuma isin magaalaa seentaniin, namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa. Gara mana inni seenuutti isa duukaa buʼaatii,
LUK 22:11 abbaa mana sanaatiin, ‘Barsiisaan, “Manni keessummaa, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessaa?” siin jedha’ jedhaa.
LUK 22:12 Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miʼa manaatiin guutame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti qopheessaa.”
LUK 22:13 Isaanis dhaqanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
LUK 22:14 Yommuu saʼaatiin sun gaʼetti Yesuusii fi ergamoonni isaa maaddiitti dhiʼaatan.
LUK 22:15 Innis akkana isaaniin jedhe; “Ani utuu hin dhiphatiniin dura isin wajjin Faasiikaa kana nyaachuu akka malee hawween ture.
LUK 22:16 Ani isinittin himaatii; hamma Faasiikaan kun mootummaa Waaqaa keessatti raawwatamutti ani deebiʼee isa hin nyaadhu.”
LUK 22:17 Innis erga xoofoo fuudhee galata galchee booddee akkana jedhe; “Kana fudhadhaatii gargar qooddadhaa.
LUK 22:18 Ani isinitti nan himaatii; ani hamma mootummaan Waaqaa dhufutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu” jedhe.
LUK 22:19 Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, “Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedheen.
LUK 22:20 Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; “Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha.
LUK 22:21 Garuu harki namicha dabarsee na kennu sanaa kunoo harka koo wajjin maaddii irra jira.
LUK 22:22 Ilmi Namaa akkuma murteeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo!”
LUK 22:23 Isaanis namni isaan keessaa waan kana gochuuf jiru eenyu akka taʼe wal gaggaafachuu jalqaban.
LUK 22:24 Akkasumas isaan keessaa namni akka nama nama hundumaa caaluutti ilaalamu eenyu akka taʼe irratti wal falmiin gidduu isaaniitti kaʼe.
LUK 22:25 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Mootonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisu; warri isaan irratti taayitaa argisiisan immoo Gargaartota ofiin jedhu.
LUK 22:26 Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu.
LUK 22:27 Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti.
LUK 22:28 Isin immoo warra yeroo qorama koo na wajjin turtanii dha.
LUK 22:29 Akkuma Abbaan koo mootummaa natti kenne, anis akkasuma isinittin kenna;
LUK 22:30 kunis akka isin mootummaa koo keessatti maaddii koo irraa nyaattanii fi dhugdan, akka teessoowwan irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtaniif.
LUK 22:31 “Yaa Simoon, yaa Simoon; kunoo, Seexanni akkuma qamadiitti isin gingilchuuf kadhateera.
LUK 22:32 Yaa Simoon, ani garuu akka amantiin kee hin dadhabneef siif kadhadheera; atis yommuu deebitutti, obboloota kee jajjabeessi.”
LUK 22:33 Simʼoon garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, ani si wajjin hidhamuu fi duʼuuf illee qophaaʼeera” jedhe.
LUK 22:34 Yesuus, “Yaa Phexros, ani sittin hima; ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin akkuma na beektu illee yeroo sadii ni ganta” jedhee deebise.
LUK 22:35 Yesuusis, “Yeroo ani borsaa, korojoo yookaan kophee malee isin erge sana waa isin duraa hirʼateeraa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhan.
LUK 22:36 Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Amma garuu yoo borsaa qabaattan fudhadhaa; yoo korojoo qabaattanis fudhadhaa; yoo goraadee hin qabaannes uffata keessan gurguraatii goraadee bitadhaa.
LUK 22:37 Wanni, ‘Inni yakkitootatti lakkaaʼame’jedhamee barreeffame sun akka narratti raawwatamuu qabu ani isinitti hima; wanni waaʼee koo barreeffame raawwatamuu gaʼeeraatii.”
LUK 22:38 Barattoonnis, “Yaa Gooftaa, kunoo goraadee lamatu as jira” jedhan. Innis, “Ni gaʼa” jedhee deebiseef.
LUK 22:39 Yesuusis achii baʼee, akkuma amala isaa gara Tulluu Ejersaa dhaqe; barattoonni isaas isa duukaa buʼan.
LUK 22:40 Innis akkuma iddoo sana gaʼeen, “Isin akka qorumsatti hin galleef kadhadhaa” isaaniin jedhe.
LUK 22:41 Innis hamma darbata dhagaa tokkoo achi hiiqee, jilbeenfatees akkana jedhee kadhate;
LUK 22:42 “Yaa Abbaa, yoo fedhii kee taʼe, xoofoo kana narraa fuudhi; garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin.”
LUK 22:43 Ergamaan Waaqaa tokkos samii irraa isatti mulʼatee isa jajjabeesse.
LUK 22:44 Innis lubbamee jabeessee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti cophaa ture.
LUK 22:45 Innis yommuu kadhannaa irraa kaʼee gara barattootaatti deebiʼetti, isaanii gaddaan bututanii rafaa jiran isaan arge.
LUK 22:46 Innis, “Isin maaliif raftu? Isin akka qorumsatti hin galleef kaʼaatii kadhadhaa” isaaniin jedhe.
LUK 22:47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruus, tuunni namootaa tokko dhufe; namichi Yihuudaa jedhamu kan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sunis isaan dura deemaa ture. Innis Yesuusin dhungachuuf itti dhiʼaate;
LUK 22:48 Yesuus garuu, “Yaa Yihuudaa, ati dhungoodhaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedhee gaafate.
LUK 22:49 Warri isa wajjin turanis yommuu waan taʼuuf jiru arganitti, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan dhoofnuu” jedhan.
LUK 22:50 Isaan keessaas namni tokko garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute.
LUK 22:51 Yesuusis deebisee, “Dhiisaa! Waan akkanaa itti hin deebiʼinaa” jedhe; gurra namichaas tuttuqee fayyise.
LUK 22:52 Ergasiis Yesuus luboota hangafoota, dura buʼoota mana qulqullummaatii fi maanguddoota isa qabuu dhufaniin akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti dhuftanii?
LUK 22:53 Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa isin wajjinan ture; isin harkaanuu na hin tuqne. Garuu saʼaatiin kun saʼaatii keessan; innis yeroo itti dukkanni moʼuu dha.”
LUK 22:54 Isaanis isa qabanii fuudhanii deeman; fidaniis mana luba ol aanaa ol isa seensisan. Phexros immoo fagootti duukaa buʼaa ture.
LUK 22:55 Yommuu isaan walakkaa lafa dallaa keessaatti ibidda qabsiisanii walii wajjin tataaʼanitti Phexrosis isaan wajjin taaʼe.
LUK 22:56 Xomboreen tokkos utuu inni ifa ibiddaa keessa taaʼee jiruu isa argite. Isheenis hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isa wajjin ture” jette.
LUK 22:57 Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane.
LUK 22:58 Yeroo xinnoo booddee namni biraa isa argee, “Atis jara keessaa tokkoo dha” jedhe. Phexros garuu, “Namichoo, ana miti” jedhee deebise.
LUK 22:59 Gara Saʼaatii tokkoo booddee namni biraa, “Namichi kunis waan nama Galiilaa taʼeef dhuguma iyyuu isa wajjin ture” jedhee jabeessee dubbate.
LUK 22:60 Phexros immoo deebisee, “Namichoo, ani waan ati jettu kana hin beeku” jedhe. Utuma inni dubbachaa jiruus indaanqoon iyye.
LUK 22:61 Gooftaanis garagalee Phexrosin ilaale. Phexrosis waan Gooftaan, “Ati harʼa utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadate.
LUK 22:62 Innis gad baʼee hiqqifatee booʼe.
LUK 22:63 Namoonni Yesuusin eegaa turan sun isatti qoosuu fi isa tumuu jalqaban.
LUK 22:64 Isaanis isa haguuganii, “Mee raajii dubbadhu! Eenyutu si rukute?” jedhanii isa gaafatan.
LUK 22:65 Isaanis isa arrabsaa waan hedduu isaan jedhan.
LUK 22:66 Yommuu lafti bariʼettis yaaʼiin maanguddoota sabaa akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa walitti qabaman; yaaʼii isaanii durattis Yesuusin dhiʼeessanii,
LUK 22:67 “Ati yoo Kiristoos taate mee nutti himi” jedhaniin. Yesuusis akkana jedhee deebise; “Yoo ani isinitti hime isin na hin amantan;
LUK 22:68 yoo ani isin gaafadhes hin deebiftan.
LUK 22:69 Garuu siʼachi Ilmi Namaa karaa mirga humna Waaqaatiin ni taaʼa.”
LUK 22:70 Hundi isaaniis, “Yoos ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhanii gaafatan. Innis deebisee, “Akka ana taʼe isinuu ni dubbattu!” jedhe.
LUK 22:71 Kana irratti isaan, “Kana caalaa dhuga baʼumsa maalii nu barbaachisa? Nu mataan keenya iyyuu afaanuma isaa irraa dhageenyeerraatii” jedhan.
LUK 23:1 Ergasii yaaʼiin sun guutuun kaʼee Yesuusin gara Phiilaaxoositti geesse.
LUK 23:2 Isaanis, “Nu utuu namichi kun saba keenya karaa irraa jalʼisuu, utuu inni akka Gibirri Qeesaariif hin baafamne godhuu, akkasumas utuu inni akka mataan isaa Kiristoos mooticha taʼe dubbatuu argineerra” jedhanii isa himachuu jalqaban.
LUK 23:3 Kanaafuu Phiilaaxoos, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
LUK 23:4 Phiilaaxoosis luboota hangafootaa fi tuuta namootaatiin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe.
LUK 23:5 Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Inni Galiilaa irraa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti barsiisa isaatiin saba jeeqaa hamma asiitti illee dhufeera” jedhan.
LUK 23:6 Phiilaaxoosis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Namichi kun nama Galiilaatii?” jedhee gaafate.
LUK 23:7 Innis yommuu akka Yesuus nama kutaa Heroodis bulchuu taʼe beeketti Heroodisitti isa erge; Heroodisis yeroo sana Yerusaalem keessa ture.
LUK 23:8 Heroodis yommuu Yesuusin argetti akka malee gammade; inni sababii waaʼee Yesuus dhagaʼaa fi hojii dinqii kan inni hojjetu tokko tokko akka arguu abdachaa tureef yeroo dheeraaf isa arguu barbaadaa ture.
LUK 23:9 Innis Gaaffii baayʼee isa gaafate; Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef.
LUK 23:10 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa achi dhadhaabatanii cimsanii isa himachaa turan.
LUK 23:11 Heroodisii fi loltoonni isaa isa tuffatan; isatti qoosanis. Isaanis uffata miidhagaa isatti uffisanii deebisanii Phiilaaxoositti isa ergan.
LUK 23:12 Guyyuma sana Heroodisii fi Phiilaaxoos walitti michooman; isaan duraan diina walii turaniitii.
LUK 23:13 Phiilaaxoosis luboota hangafoota, bulchitootaa fi saba walitti waamee,
LUK 23:14 akkana isaaniin jedhe; “Isin namichi kun, ‘karaa irraa saba jalʼisa’ jettanii isa natti fiddan; anis fuuluma keessan duratti isa qoree akka inni waan isin ittiin isa himattan sana keessaa tokko illee hojjete hin argine.
LUK 23:15 Heroodisis waan tokko illee isa irratti hin argine; inni deebisee isa nutti ergeeraatii. Akkuma isin argitan kana namichi kun waan duʼaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne.
LUK 23:16 Kanaafuu ani namicha kana adabeen gad isa dhiisa.” [
LUK 23:17 Phiilaaxoosis guyyaa ayyaanaatiin nama tokko mana hidhaatii gad isaanii dhiisuun dirqama ture.]
LUK 23:18 Isaan garuu sagalee tokkoon iyyanii, “Namicha kana balleessi! Barabbaasin gad nuu dhiisi!” jedhan.
LUK 23:19 Barabbaas sababii fincila magaalaa keessatti kaʼeetii fi ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufamee ture.
LUK 23:20 Phiilaaxoosis Yesuusin gad dhiisuu barbaadee amma illee isaanitti dubbate.
LUK 23:21 Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyaa turan.
LUK 23:22 Innis yeroo sadaffaa, “Maaliif? Namichi kun yakka maalii hojjete? Ani yakka duʼaan isa gaʼu isa irratti hin arganne. Kanaafuu ani isa adabeen gad isa dhiisa” isaaniin jedhe.
LUK 23:23 Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan ittuma cichanii gaafatan; iyyi isaaniis ittuma jabaate.
LUK 23:24 Kanaaf Phiilaaxoos waan isaan kadhatan sana isaaniif kennuu murteesse.
LUK 23:25 Innis namicha sababii fincilaatii fi sababii ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufame kan isaan akka inni hiikamuuf kadhatan sana gad dhiise; Yesuusin immoo dabarsee fedhii isaaniitti kenne.
LUK 23:26 Isaanis utuu Yesuusin geessaa jiranuu Simoon namicha Qareenaa tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufaa jiruu qaban; fannoo sanas isa irra kaaʼanii akka inni baatee Yesuus duubaan deemu isa dirqisiisan.
LUK 23:27 Namoonni baayʼeen, dubartoota keessaas warri isaaf gaddaa fi booʼaa turan isa duukaa buʼan.
LUK 23:28 Yesuusis isaanitti garagalee akkana jedhe; “Yaa durboota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa malee naaf hin booʼinaa.
LUK 23:29 Kunoo guyyoonni itti namoonni, ‘dubartoonni dhabdoonni, garaan takkumaa ulfa hin baatinii fi harmi takkumaa hin hoosisin eebbifamoo dha’ jedhan ni dhufuutii.
LUK 23:30 Yeroo sana, “ ‘Namoonni gaarraniin, “Nurratti jigaa!” tulluuwwaniin immoo, “Nu dhoksaa!”ni jedhu.’
LUK 23:31 Isaan erga muka jiidhaa akkana godhanii muka gogaa immoo akkam haa godhan?”
LUK 23:32 Namoonni biraa kanneen yakkitoota turan lamas isa wajjin ajjeefamuuf geeffaman.
LUK 23:33 Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan.
LUK 23:34 Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
LUK 23:35 Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, “Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!” jedhanii isatti qoosan.
LUK 23:36 Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii,
LUK 23:37 “Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan.
LUK 23:38 Katabbiin, Kun Mooticha Yihuudootaa ti, jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.
LUK 23:39 Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse.
LUK 23:40 Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu?
LUK 23:41 Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.”
LUK 23:42 Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe.
LUK 23:43 Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
LUK 23:44 Yeroon sun gara saʼaatii jaʼaa ture; hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe;
LUK 23:45 aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe.
LUK 23:46 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha” jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
LUK 23:47 Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan taʼe sana argetti Waaqaaf ulfina kennee, “Dhugumaanuu namichi kun nama qajeelaa ture” jedhe.
LUK 23:48 Namoonni waan kana ilaaluuf iddoo sanatti walitti qabaman hundi yommuu waan taʼe sana arganitti qoma isaanii rurrukutaa achii deeman.
LUK 23:49 Warri isa beekan hundi, dubartoonni Galiilaadhaa isa duukaa buʼanis fagoo dhaabatanii waan kana ilaalaa turan.
LUK 23:50 Kunoo namicha miseensa waldaa Yihuudootaa kan Yoosef jedhamu tokkotu ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture;
LUK 23:51 innis murtii fi hojii isaanii irratti jaraan walii hin galle. Yoosef magaalaa Yihuudaa kan Armaatiyaa jedhamtuu dhufe; innis mootummaa Waaqaa eeggachaa ture.
LUK 23:52 Namichi kun gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate.
LUK 23:53 Reeffa sanas gad buusee huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotame kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokko keessa kaaʼe.
LUK 23:54 Guyyaan sun Guyyaa qophii ture; Sanbannis seenuu gaʼeera.
LUK 23:55 Dubartoonni Yesuus wajjin Galiilaadhaa dhufanis Yoosef duukaa buʼanii awwaala sanaa fi akka itti reeffi Yesuus awwaala keessa kaaʼame argan.
LUK 23:56 Achii deebiʼaniis qayyaa fi shittoo qopheessan. Guyyaa Sanbataa garuu seeraaf ajajamuuf jedhanii boqotan.
LUK 24:1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara awwaalaa dhaqan.
LUK 24:2 Isaanis dhagaa sana balbala awwaalaa irraa gara galfamee argan;
LUK 24:3 yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne.
LUK 24:4 Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan.
LUK 24:5 Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu?
LUK 24:6 Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa.
LUK 24:7 ‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii.”
LUK 24:8 Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan.
LUK 24:9 Isaanis yommuu iddoo awwaalaatii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan.
LUK 24:10 Warri waan kana ergamootatti himanis Maariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha.
LUK 24:11 Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne.
LUK 24:12 Taʼus Phexros kaʼee gara awwaala sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.
LUK 24:13 Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata.
LUK 24:14 Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan.
LUK 24:15 Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Yesuus mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe.
LUK 24:16 Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.
LUK 24:17 Innis, “Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan.
LUK 24:18 Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, “Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?” jedheen.
LUK 24:19 Innis, “Maal faatu taʼe?” jedhee gaafate. Isaanis deebisanii akkana jedhan, “Waaʼee Yesuus nama Naazreeti; inni raajii ture; fuula Waaqaatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture.
LUK 24:20 Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis.
LUK 24:21 Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha.
LUK 24:22 Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara awwaala sanaa dhaqanii,
LUK 24:23 reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka ergamoonni isaanitti mulʼatanii, Yesuus jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan.
LUK 24:24 Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara awwaalaa dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine.”
LUK 24:25 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan!
LUK 24:26 Kiristooswaan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?”
LUK 24:27 Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
LUK 24:28 Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse.
LUK 24:29 Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.
LUK 24:30 Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne.
LUK 24:31 Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate.
LUK 24:32 Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan.
LUK 24:33 Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan.
LUK 24:34 Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan.
LUK 24:35 Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.
LUK 24:36 Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Yesuus mataan isaa isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen.
LUK 24:37 Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis.
LUK 24:38 Innis akkana isaaniin jedhe; “Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama?
LUK 24:39 Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba.”
LUK 24:40 Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise.
LUK 24:41 Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, “Isin waan nyaatamu asii qabduu?” jedhee isaan gaafate.
LUK 24:42 Isaanis qurxummii waadame kennaniif;
LUK 24:43 innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate.
LUK 24:44 Innis, “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Musee keessatti, kitaabota raajotaatii fi kitaaba faarfannaa keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana” jedheen.
LUK 24:45 Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef.
LUK 24:46 Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Kiristoos ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa;
LUK 24:47 maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’
LUK 24:48 Isinis dhuga baatota waan kanaa ti.
LUK 24:49 Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa.”
LUK 24:50 Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise.
LUK 24:51 Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame.
LUK 24:52 Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan.
LUK 24:53 Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Waaqa galateeffachaa turan.
JOH 1:1 Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture.
JOH 1:2 Innis jalqabatti Waaqa wajjin ture.
JOH 1:3 Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru.
JOH 1:4 Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture.
JOH 1:5 Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.
JOH 1:6 Nama Waaqa biraa ergame kan maqaan isaa Yohannis jedhamu tokkotu ture.
JOH 1:7 Innis akka namni hundinuu karaa isaatiin amanuuf dhuga baatuu taʼee waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuuf dhufe.
JOH 1:8 Waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuu dhufe malee inni mataan isaa ifa hin turre.
JOH 1:9 Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun gara addunyaa dhufaa ture.
JOH 1:10 Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan uumame; addunyaan garuu isa hin beekne.
JOH 1:11 Innis gara saba isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin fudhanne.
JOH 1:12 Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
JOH 1:13 Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.
JOH 1:14 Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
JOH 1:15 Yohannisis waaʼee isaa dhugaa baʼe. Sagalee isaas ol fudhatee akkana jedhe; “Inni ani, ‘Inni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.”
JOH 1:16 Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.
JOH 1:17 Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe.
JOH 1:18 Eenyu iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.
JOH 1:19 Yommuu Yihuudoonni lubootaa fi Lewwota Yerusaalem Yohannisitti erganii, “Ati eenyu?” jedhanii gaafachiisanitti dhuga baʼumsi Yohannis kenne kana ture.
JOH 1:20 Inni dhugaa baʼe malee hin ganne; “Ani Kiristoos miti” jedhee dhugaa baʼe.
JOH 1:21 Isaanis, “Yoos ati eenyu ree? Eeliyaas moo?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Lakki, ani isa miti” jedhee deebiseef. Isaanis, “Yoos ati Raajichaa ree?” jedhaniin. Inni immoo, “Lakki” jedheen.
JOH 1:22 Isaanis, “Ati eenyu ree? Akka warra nu erganiif deebii kenninuuf ati eenyu ofiin jetta?” jedhaniin.
JOH 1:23 Yohannisis dubbii Isaayyaas raajichi dubbate sanaan deebisee, “Ani sagalee gammoojjii keessaa, ‘Gooftaaf karaa qajeelchaa’ jedhee iyyu sanaa dha” jedheen.
JOH 1:24 Fariisonni ergaman tokko tokkos,
JOH 1:25 akkana jedhanii isa gaafatan; “Ati erga Kiristoos yookaan Eeliyaas yookaan raajicha taʼuu baattee maaliif cuuphxa ree?”
JOH 1:26 Yohannis immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani bishaaniin nan cuupha; namni isin isa hin beekne tokko garuu isin gidduu dhaabata.
JOH 1:27 Innis isa na duubaan dhufu kan ani hidhaa kophee isaa iyyuu hiikuufii hin mallee dha.”
JOH 1:28 Wanni kun hundi Yordaanos gama iddoo Yohannis itti cuuphaa ture Biitaaniyaa keessatti taʼe.
JOH 1:29 Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!
JOH 1:30 Inni ani, ‘Namni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.
JOH 1:31 Ani mataan koo iyyuu isa hin beekun ture; sababiin ani bishaaniin cuuphaa dhufeef garuu akka inni saba Israaʼelitti mulʼifamuuf.”
JOH 1:32 Yohannis itti fufee akkana jedhee dhugaa baʼe; “Ani utuu Hafuurri akkuma gugeetti samii irraa gad buʼee isa irra jiraatuu nan arge.
JOH 1:33 Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ‘Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dha’ jedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture.
JOH 1:34 Anis argeera; akka inni Ilma Waaqaa taʼes dhugaa baʼeera.”
JOH 1:35 Guyyaa itti aanutti Yohannis ammas barattoota isaa keessaa lama wajjin achi ture.
JOH 1:36 Innis utuu Yesuus achi irra darbuu argee, “Ilaa, Hoolaa Waaqaa!” jedhe.
JOH 1:37 Barattoonni lamaanis waan kana dubbachuu isaa dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan.
JOH 1:38 Yesuusis of irra garagalee isa duukaa buʼuu isaanii argee, “Isin maal barbaaddu?” jedheen. Isaanis, “Rabbii, ati eessa jiraatta?” jedhaniin. Rabbii jechuun Barsiisaa jechuu dha.
JOH 1:39 Innis, “Kottaatii ilaalaa” jedheen. Isaanis dhaqanii akka inni eessa jiraatu argan; gaafa sana isa wajjin oolan. Yeroon sunis gara saʼaatii kurnaffaa ture.
JOH 1:40 Warra waan Yohannis dubbate dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan lamaan keessaa inni tokko Indiriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture.
JOH 1:41 Innis duraan dursee obboleessa isaa Simoonin argatee, “Nu Masiihicha arganneerra” jedheen; Masiihii jechuun Kiristoos jechuu dha.
JOH 1:42 Indiriiyaasis Simʼoonin gara Yesuusitti fide. Yesuusis isa ilaalee, “Ati Simoon ilma Yohannis, Keefaa jedhamtee ni waamamta” jedheen. Keefaa jechuun Phexros jechuu dha.
JOH 1:43 Yesuusis guyyaa itti aanutti Galiilaa dhaquu barbaade. Innis Fiiliphoosin argee, “Na duukaa buʼi” jedheen.
JOH 1:44 Fiiliphoosis akkuma Indiriiyaasii fi Phexros nama magaalaa Beetisayidaa ture.
JOH 1:45 Fiiliphoos Naatnaaʼelin argee, “Isa Museen kitaaba Seeraa keessatti waaʼee isaa barreessee fi isa raajonnis waaʼee isaa barreessan, ilma Yoosef, Yesuus nama Naazreeti arganneerra” jedheen.
JOH 1:46 Naatnaaʼelis, “Naazreeti keessaa wanni gaariin baʼuu ni dandaʼaa?” jedhee gaafate. Fiiliphoosis, “Kottuutii ilaali” jedheen.
JOH 1:47 Yesuusis utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee, “Ilaa Israaʼelicha dhugaa kan haxxummaan keessa hin jirre!” jedhee waaʼee isaa dubbate.
JOH 1:48 Naatnaaʼelis, “Ati eessatti na beekta?” jedheen. Yesuusis, “Utuu Fiiliphoos si hin waamin dura yeroo ati muka harbuu jala turtettin si arge” jedhee deebiseef.
JOH 1:49 Naatnaaʼelis, “Yaa Barsiisaa, ati Ilma Waaqaa ti! Ati Mootii Israaʼel” jedheen.
JOH 1:50 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ati sababii ani muka harbuu jalattan si arge siin jedheef amantee? Waan kana caalu iyyuu arguuf jirta.”
JOH 1:51 Innis itti dabalee, “Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu” jedheen.
JOH 2:1 Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu ture. Haati Yesuusiis achi turte;
JOH 2:2 Yesuusii fi barattoonni isaa gara cidha sanaatti waamamanii turan.
JOH 2:3 Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Yesuus, “Jarri daadhii wayinii hin qaban” isaan jette.
JOH 2:4 Yesuus immoo deebisee, “Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye” jedheen.
JOH 2:5 Haati isaas tajaajiltootaan, “Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa” jette.
JOH 2:6 Gaaniiwwan dhagaa jaʼa sirna qulqulleessuu Yihuudootaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 75 hamma 115 qabata ture.
JOH 2:7 Yesuus tajaajiltootaan, “Gaaniiwwanitti bishaan guutaa” jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan.
JOH 2:8 Innis, “Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa” jedheen. Isaanis akkasuma godhan;
JOH 2:9 abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee
JOH 2:10 akkana jedheen; “Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite.”
JOH 2:11 Yesuus mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.
JOH 2:12 Kana booddees inni haadha isaa, obboloota isaatii fi barattoota isaa wajjin Qifirnaahomitti gad buʼe. Isaanis guyyoota muraasa achi turan.
JOH 2:13 Yesuusis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe.
JOH 2:14 Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge.
JOH 2:15 Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche.
JOH 2:16 Warra gugee gurguraniinis, “Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!” jedhe.
JOH 2:17 Barattoonni isaas, “Hinaaffaan mana keetii na gugguba” jedhamee akka barreeffame yaadatan.
JOH 2:18 Yihuudoonnis deebisanii, “Kana hunda hojjechuuf akka taayitaa qabdu mirkaneessuuf mallattoo maalii nutti argisiisuu dandeessa?” jedhanii isa gaafatan.
JOH 2:19 Yesuus, “Mana qulqullummaa kana jigsaa; ani immoo guyyaa sadiitti olin dhaabaa” jedhee deebiseef.
JOH 2:20 Yihuudoonnis deebisanii, “Mana qulqullummaa kana ijaaruun waggaa afurtamii jaʼa fudhate; ati immoo guyyaa sadii keessatti ol dhaabdaa?” jedhaniin.
JOH 2:21 Manni qulqullummaa kan inni waaʼee isaa dubbate sun garuu dhagna isaa ti.
JOH 2:22 Erga inni duʼaa kaʼee booddee barattoonni isaa waan inni dubbatee ture sana yaadatan. Isaanis Katabbii Qulqulluu fi dubbii Yesuus dubbate amanan.
JOH 2:23 Yeroo inni Ayyaana Faasiikaatiif jedhee Yerusaalem turetti namoonni baayʼeen mallattoo inni hojjete arganii maqaa isaatti amanan.
JOH 2:24 Yesuus garuu waan nama hunda beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne.
JOH 2:25 Akka namni tokko iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼu isa hin barbaachifne; inni waan nama keessa jiru beeka tureetii.
JOH 3:1 Fariisicha Niqoodemoos jedhamu bulchaa Yihuudootaa tokkotu ture.
JOH 3:2 Innis halkaniin Yesuus bira dhaqee, “Yaa barsiisaa, akka ati barsiisaa Waaqa biraa dhufte taate nu beekna; nama Waaqni isa wajjin jiru malee namni mallattoo ati hojjettu kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii” jedheen.
JOH 3:3 Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen.
JOH 3:4 Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate.
JOH 3:5 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu.
JOH 3:6 Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura.
JOH 3:7 Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’
JOH 3:8 Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma.”
JOH 3:9 Niqoodemoosis, “Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?” jedhee gaafate.
JOH 3:10 Yesuus akkana jedhee deebiseef; “Ati utuu barsiisaa Israaʼel taatee jirtuu waan kana hin beektuu?
JOH 3:11 Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; nu waan beeknu dubbanna; waan argines dhugaa ni baana; isin garuu dhugaa baʼumsa keenya hin fudhattan.
JOH 3:12 Isin yoo ani waan addunyaa isinitti himnaan hin amanin, yoo ani waan samii isinitti hime akkamitti amantu ree?
JOH 3:13 Ilma Namaa isa samii irraa gad buʼe malee eenyu iyyuu samiitti ol hin baane.
JOH 3:14 Akkuma Museen gammoojjii keessatti bofa fannisesana Ilmi Namaas fannifamuu qaba.
JOH 3:15 Kunis akka namni isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf.”
JOH 3:16 Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
JOH 3:17 Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii.
JOH 3:18 Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
JOH 3:19 Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan.
JOH 3:20 Namni waan hamaa hojjetu kam iyyuu ifa jibba; akka hojiin isaa ifatti hin baafamneefis gara ifaa hin dhufu.
JOH 3:21 Namni dhugaa hojjetu kam iyyuu garuu akka hojiin isaa akka fedhii Waaqaatti hojjetamuun isaa mulʼatuuf gara ifaa dhufa.
JOH 3:22 Ergasiis Yesuusii fi barattoonni isaa gara biyya Yihuudaa dhaqan; innis isaan wajjin achi ture; ni cuuphes.
JOH 3:23 Yohannisis naannoo Saalem iddoo Enoon jedhamutti ni cuupha ture; bishaan baayʼeen achi tureetii; namoonnis achi dhaqanii cuuphamu turan.
JOH 3:24 Kunis utuu Yohannis mana hidhaatti hin galfamin taʼe.
JOH 3:25 Yommus barattoota Yohannisii fi Yihuudii tokko gidduutti waaʼee qulqulleeffamuu irratti wal falmiin uumame.
JOH 3:26 Isaanis Yohannis bira dhufanii, “Yaa barsiisaa, namichi si wajjin Yordaanos gama ture, kan ati waaʼee isaa dhugaa baate sun kunoo cuuphuutti jira; namni hundis gara isaa dhaquutti jira” jedhaniin.
JOH 3:27 Yohannisis akkana jedhee deebise; “Namni yoo samii irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin dandaʼu.
JOH 3:28 Akka ani, ‘Ani Kiristoos miti; garuu isa dura nan ergame’ jedhe isin mataan keessan iyyuu dhugaa naa baatu.
JOH 3:29 Misirrittiin kan misirrichaa ti. Miinjeen misirricha bira dhaabatuu fi isa dhaggeeffatu, yommuu sagalee misirrichaa dhagaʼutti akka malee gammada. Gammachuun sun kan koo ti; gammachuun koos amma guutuu taʼeera.
JOH 3:30 Inni guddaa taʼuu qaba; ani immoo xinnaa taʼuun qaba.
JOH 3:31 “Kan olii dhufu inni hundumaa oli; inni lafaa immoo kanuma lafaa ti; waanuma lafaa dubbatas. Kan samii irraa dhufu inni hundumaa oli.
JOH 3:32 Inni waan argee fi waan dhagaʼe dhugaa baʼa; dhuga baʼumsa isaa garuu eenyu iyyuu hin fudhatu.
JOH 3:33 Namni dhuga baʼumsa kana fudhates akka Waaqni dhugaa taʼe mirkaneesse.
JOH 3:34 Inni Waaqni erge dubbii Waaqaa dubbata; Waaqnis safara malee Hafuura isaa ni kennaatii.
JOH 3:35 Abbaan Ilma ni jaallata; waan hundas harka isaatti kenneera.
JOH 3:36 Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”
JOH 4:1 Egaa Yesuus Yohannis caalaa barattoota akka baayʼifatee fi akka cuuphe Fariisonni dhagaʼuu isaanii Gooftaan ni beeke;
JOH 4:2 taʼus barattoota isaatu cuuphaa ture malee Yesuus ofii isaatii hin cuuphine.
JOH 4:3 Inni Yihuudaa dhiisee amma illee Galiilaatti deebiʼe.
JOH 4:4 Innis Samaariyaa keessa darbuu qaba ture.
JOH 4:5 Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa kan Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; magaalaan sunis lafa Yaaqoob ilma isaa Yoosefiif kenne sanatti dhiʼoo dha.
JOH 4:6 Boolli bishaanii kan Yaaqoob tokko achi ture; Yesuusis waan karaa deemuudhaan dadhabeef boolla bishaanii sana bira taaʼe. Yeroonis gara saʼaatii jaʼaa ture.
JOH 4:7 Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte; Yesuusis, “Mee na obaasi” jedheen.
JOH 4:8 Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turaniitii.
JOH 4:9 Dubartiin Samaariyaa sunis Yesuusiin, “Ati utuu Yihuudii taatee jirtuu akkamitti ‘na obaasi’ jettee ana dubartii Samaariyaa kadhatta?” jetteen. Yihuudoonni warra Samaariyaa wajjin walitti dhufeenya hin qaban tureetii.
JOH 4:10 Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqaatii fi inni, ‘na obaasi’ siin jedhu kun eenyu akka taʼe utuu beektee silaa situ isa kadhata ture; innis bishaan jireenyaa siif kenna ture” jedheen.
JOH 4:11 Dubartittiinis akkana jetteen; “Yaa gooftaa, ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; boolli bishaanii kunis gad fagoo dha. Yoos bishaan jireenyaa eessaa argatta?
JOH 4:12 Ati abbaa keenya Yaaqoob isa boolla bishaanii kana nuu kenne caalta moo? Inni mataan isaa, ijoolleen isaatii fi horiin isaa boolla bishaanii kana keessaa dhugaa turan.”
JOH 4:13 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namni bishaan kana dhugu hundinuu deebiʼee ni dheebota;
JOH 4:14 garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.”
JOH 4:15 Dubartittiinis, “Yaa Gooftaa, akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabuufis akka ani as hin dhufneef bishaan sana naa kenni” jetteen.
JOH 4:16 Yesuus immoo, “Dhaqiitii dhirsa kee waamii kottu!” jedheen.
JOH 4:17 Dubartittiin, “Ani dhirsa hin qabu” jetteen. Yesuusis akkana jedheen; “Dhirsa hin qabu jechuun kee sirrii dha;
JOH 4:18 ati dhirsoota shan qabda turteetii; namichi amma si wajjin jirus dhirsa kee miti. Wanni ati amma dubbate dhugaa dha.”
JOH 4:19 Dubartittiinis akkana jette; “Yaa Gooftaa, akka ati raajii taate nan hubadha.
JOH 4:20 Abbootiin keenya tulluu kana irratti sagadaa turan; isin Yihuudoonni garuu iddoon namni itti waaqeffachuu qabu Yerusaalem jettu.”
JOH 4:21 Yesuusis akkana jedheen; “Dubartii nana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis taʼu yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin waaqeffanne tokko ni dhufa.
JOH 4:22 Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna.
JOH 4:23 Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.
JOH 4:24 Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”
JOH 4:25 Dubartittiinis, “Ani akka Masiihiin Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka. Inni yommuu dhufutti waan hunda nutti hima” jetteen.
JOH 4:26 Yesuusis, “Ani, namni amma sitti dubbachaa jiru kun isuma” jedheen.
JOH 4:27 Barattoonni isaa yommusuma deebiʼanii utuu inni dubartii tokko wajjin dubbatuu arganii dinqisiifatan. Garuu namni, “Maal barbaadda?” yookaan “Maaliif ishee wajjin haasofta?” jedhee isa gaafatu tokko iyyuu hin turre.
JOH 4:28 Dubartiin sunis okkotee ishee dhiiftee gara magaalaatti deebite; namootaanis akkana jette;
JOH 4:29 “Kottaatii nama waan ani hojjedhe hunda natti hime tokko ilaalaa! Tarii inni Kiristoos taʼinnaa?”
JOH 4:30 Isaanis magaalaa keessaa baʼanii Yesuus bira dhufan.
JOH 4:31 Kana gidduutti barattoonni isaa, “Yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!” jedhanii isa kadhatan.
JOH 4:32 Inni garuu, “Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba” jedheen.
JOH 4:33 Barattoonni isaas, “Namatu nyaata fideefii laata?” jedhanii wal gaafatan.
JOH 4:34 Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.
JOH 4:35 Isin, ‘Jiʼa afurtu hafe; ergasii midhaan walitti qabama’ jettu mitii? Kunoo, ani isinittan hima; akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu gaʼe mee ol jedhaatii lafa qotiisaa ilaalaa!
JOH 4:36 Inni midhaan haamu amma iyyuu mindaa ni argata; jireenya bara baraatiif ija walitti ni qaba; kunis akka inni facaasuu fi inni walitti qabu waliin gammadaniif.
JOH 4:37 Haala kanaan mammaaksi, ‘Inni tokko ni facaasa; kaan immoo ni haama’ jedhu sun dhugaa dha.
JOH 4:38 Ani akka isin waan itti hin dadhabin haammattaniifan isin erge. Warri kaan itti dadhabaniiru; isin garuu buʼaa dadhabbii isaanii galfattu.”
JOH 4:39 Sababii dubartittiin, “Inni waan ani hojjedhe hunda natti hime” jettee dhugaa baateef namoonni Samaariyaa warri magaalaa sanaa baayʼeen isatti amanan.
JOH 4:40 Kanaafuu namoonni Samaariyaa yommuu gara isaa dhufanitti akka inni isaan wajjin turuuf isa kadhatan; innis guyyaa lama achi ture.
JOH 4:41 Sababii dubbii isaatiinis namoonni biraa baayʼeen isatti amanan.
JOH 4:42 Isaanis dubartittiidhaan, “Siʼachi wanni nu amannuuf sababii dubbii ati nutti himte sanaatiif miti; nu mataan keenya iyyuu isa dhageenyeerraatii; akka inni dhugumaan Fayyisaa addunyaa taʼes beekneerra” jedhan.
JOH 4:43 Guyyaa lamaan sana booddee Yesuus Galiilaa dhaqe.
JOH 4:44 Yesuus mataan isaa iyyuu akka raajiin tokko biyya isaa keessatti kabaja hin qabne dubbatee tureetii.
JOH 4:45 Yommuu inni Galiilaa gaʼettis warri Galiilaa isa simatan. Isaanis sababii Yerusaalem turaniif waan inni yeroo Ayyaana Faasiikaatti achitti hojjete hunda arganii turan.
JOH 4:46 Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture.
JOH 4:47 Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate.
JOH 4:48 Kana irratti Yesuus, “Isin yoo mallattoo fi dinqii argitan malee hin amantan!” isaan jedhe.
JOH 4:49 Qondaaltichis, “Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi” jedheen.
JOH 4:50 Yesuusis, “Ilmi kee ni jiraataatii gali!” jedheen. Namichis waan Yesuus isatti dubbate amanee deeme.
JOH 4:51 Utuu inni deemaa jiruus tajaajiltoonni isaa itti dhufanii akka ilmi isaa lubbuun jiru itti himan.
JOH 4:52 Innis yeroo itti mucaa isaatti wayyaaʼe gaafate; isaanis, “Kaleessa saʼaatii torbatti dhagna gubaan isa dhiise” jedhaniin.
JOH 4:53 Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, “Ilmi kee ni jiraata” jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan.
JOH 4:54 Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha.
JOH 5:1 Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol baʼe.
JOH 5:2 Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba.
JOH 5:3 Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [
JOH 5:4 Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]
JOH 5:5 Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture.
JOH 5:6 Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, “Ati fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
JOH 5:7 Dhukkubsataan sunis, “Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena” jedheen.
JOH 5:8 Kana irratti Yesuus, “Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi” jedheen.
JOH 5:9 Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme. Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture;
JOH 5:10 Yihuudoonnis namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata; seerri siree kee baachuu si dhowwa” jedhaniin.
JOH 5:11 Inni garuu, “Namicha na fayyisetu ‘Siree kee fudhadhuu deemi’ naan jedhe” jedheen.
JOH 5:12 Isaanis, “Namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan.
JOH 5:13 Namichi fayye sun sababii Yesuus achi hiiqee tuuta iddoo sana ture keessa seeneef inni eenyu akka taʼe hin beekne.
JOH 5:14 Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, “Ati kunoo amma fayyiteerta. Wanni kana caalu akka sitti hin dhufneef siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.
JOH 5:15 Namichis dhaqee kan isa fayyise Yesuus akka taʼe Yihuudootatti hime.
JOH 5:16 Kanaafuu sababii inni Sanbataan waan kana hojjeteef, Yihuudoonni Yesuusin ariʼachuu jalqaban.
JOH 5:17 Yesuus garuu, “Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira” isaaniin jedhe.
JOH 5:18 Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.
JOH 5:19 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Ilmi ofii isaatiin waan tokko illee hojjechuu hin dandaʼu; inni waanuma utuu Abbaan isaa hojjetuu arge qofa hojjechuu dandaʼa; waanuma Abbaan hojjetu Ilmis akkasuma hojjetaatii.
JOH 5:20 Abbaan Ilma ni jaallataatii; waan hojjetu hundumas isatti ni argisiisa. Akka isin dinqisiifattaniifis inni hojiiwwan hojiiwwan kanneen caalan iyyuu isatti ni argisiisa.
JOH 5:21 Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna.
JOH 5:22 Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera;
JOH 5:23 kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
JOH 5:24 “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
JOH 5:25 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
JOH 5:26 Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii.
JOH 5:27 Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
JOH 5:28 “Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii.
JOH 5:29 Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.
JOH 5:30 Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
JOH 5:31 “Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti.
JOH 5:32 Garuu kan waaʼee koo dhugaa baʼu biraa jira; anis akka dhuga baʼumsi inni waaʼee koo kennu sun dhugaa taʼe beeka.
JOH 5:33 “Isin Yohannisitti ergitaniirtu; innis dhugaa sanaaf, dhugaa baʼeera.
JOH 5:34 Ani dhuga baʼumsa namaa hin fudhadhu; garuu akka isin fayyitaniif wantoota kanneen nan dubbadha.
JOH 5:35 Yohannis ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoo ifa isaatti gammaduu barbaaddan.
JOH 5:36 “Ani garuu dhuga baʼumsa, dhuga baʼumsa Yohannis sana caalu qaba. Hojiin akka ani raawwadhuuf Abbaan natti kenne, kan ani hojjedhu kun iyyuu akka Abbaan na erge mirkaneessaatii.
JOH 5:37 Abbaan inni na erges ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera. Isin takkumaa sagalee isaa hin dhageenye; bifa isaas takkumaa hin argine.
JOH 5:38 Isin sababii isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.
JOH 5:39 Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;
JOH 5:40 isin garuu jireenya argachuudhaaf gara koo dhufuu hin barbaaddan.
JOH 5:41 “Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu;
JOH 5:42 garuu akka isin jaalala Waaqaa of keessaa hin qabne nan beeka.
JOH 5:43 Ani maqaa Abbaa kootiin dhufeera; isin na hin simattan; utuu namni biraa maqaa ofii isaatiin dhufee garuu isa ni simattu.
JOH 5:44 Isin yoo wal irraa ulfina argattanii ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu hin barbaanne akkamitti amanuu dandeessu ree?
JOH 5:45 “Waan ani Abbaa duratti isin himadhu hin seʼinaa. Kan isin himatu tokko jira; innis Musee isin abdattan sana.
JOH 5:46 Utuu Musee amantanii silaa anas ni amantu ture; inni waaʼee koo barreesseetii.
JOH 5:47 Isin erga waan inni barreesse hin amannee, dubbii koo immoo akkamitti amantu ree?”
JOH 6:1 Wantoota kanneen booddee Yesuus Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe;
JOH 6:2 namoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan.
JOH 6:3 Yesuusis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe.
JOH 6:4 Yeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture.
JOH 6:5 Yesuus yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, “Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?” jedhe.
JOH 6:6 Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
JOH 6:7 Fiiliphoos immoo, “Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii dhibba lama fudhata” jedhee deebiseef.
JOH 6:8 Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen;
JOH 6:9 “Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?”
JOH 6:10 Yesuusis, “Namoota teessisaa” jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture.
JOH 6:11 Yesuusis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
JOH 6:12 Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, “Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin” jedhe.
JOH 6:13 Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.
JOH 6:14 Namoonnis yommuu mallattoo Yesuus hojjete arganitti, “Kun dhugumaanuu Raajii gara addunyaa dhufuuf jiru” jedhan.
JOH 6:15 Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
JOH 6:16 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;
JOH 6:17 achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.
JOH 6:18 Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame.
JOH 6:19 Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis.
JOH 6:20 Inni garuu, “Anumaatii hin sodaatinaa” jedheen.
JOH 6:21 Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
JOH 6:22 Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan.
JOH 6:23 Bidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan.
JOH 6:24 Namoonni sunis yommuu akka Yesuusii fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Yesuusin barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.
JOH 6:25 Namoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, “Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
JOH 6:26 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu.
JOH 6:27 Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”
JOH 6:28 Isaanis, “Nu akka hojii Waaqaa hojjennuuf maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
JOH 6:29 Yesuusis, “Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqaa ti” jedhee deebiseef.
JOH 6:30 Kanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; “Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas?
JOH 6:31 ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan.”
JOH 6:32 Yesuusis akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti.
JOH 6:33 Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii.”
JOH 6:34 Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni” jedhaniin.
JOH 6:35 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
JOH 6:36 Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan.
JOH 6:37 Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu.
JOH 6:38 Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii.
JOH 6:39 Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti.
JOH 6:40 Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
JOH 6:41 Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, “Ani buddeena samii irraa gad buʼee dha” jedheef isatti guungumuu jalqaban.
JOH 6:42 Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani samii irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.
JOH 6:43 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa.
JOH 6:44 Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
JOH 6:45 Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.
JOH 6:46 Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge.
JOH 6:47 Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.
JOH 6:48 Buddeenni jireenyaa ana.
JOH 6:49 Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan.
JOH 6:50 Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu.
JOH 6:51 Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
JOH 6:52 Yihuudoonnis, “Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falman.
JOH 6:53 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.
JOH 6:54 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
JOH 6:55 Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti.
JOH 6:56 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha.
JOH 6:57 Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata.
JOH 6:58 Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.”
JOH 6:59 Innis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate.
JOH 6:60 Barattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?” jedhan.
JOH 6:61 Yesuusis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; “Kun isin gufachiisaa ree?
JOH 6:62 Yoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree?
JOH 6:63 Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.
JOH 6:64 Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru.” Yesuus jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii.
JOH 6:65 Innis ittuma fufee, “Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma” jedhe.
JOH 6:66 Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
JOH 6:67 Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhee gaafate.
JOH 6:68 Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa.
JOH 6:69 Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras.”
JOH 6:70 Yesuusis deebisee, “Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko diiyaabiloosii dha!” jedhe.
JOH 6:71 Innis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Yesuusin dabarsee kennuuf tureetii!
JOH 7:1 Kana booddee Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼaa ture; sababii Yihuudoonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin deddeebine.
JOH 7:2 Ayyaanni Daasii Yihuudootaa dhiʼaatee ture.
JOH 7:3 Obboloonni isaas akkana jedhaniin; “Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi.
JOH 7:4 Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi.”
JOH 7:5 Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii.
JOH 7:6 Yesuusis akkana jedheen; “Yeroon koo amma illee hin geenye; isiniif garuu yeroon hundi mijaaʼaa dha.
JOH 7:7 Addunyaan isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu akka hojiin isaa hamaa taʼe waanan itti dhugaa baʼuuf na jibba.
JOH 7:8 Isin gara Ayyaana sanaa dhaqaa. Ani garuu waan yeroon koo amma illee hin gaʼiniif gara Ayyaanichaatti ol hin baʼu.”
JOH 7:9 Inni waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe.
JOH 7:10 Garuu erga obboloonni isaa gara Ayyaanichaatti ol baʼanii booddee innis utuu ifaan ifatti hin taʼin dhoksaadhaan ol baʼe.
JOH 7:11 Yihuudoonnis Ayyaanicha irratti, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan.
JOH 7:12 Namoota gidduuttis waaʼee isaa guungummii guddaatu ture. Namoonni tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhan. Warri kaan immoo, “Akkas miti; inni nama dogoggorsa” jedhan.
JOH 7:13 Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu ifaan ifatti waaʼee isaa hin dubbanne.
JOH 7:14 Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe.
JOH 7:15 Yihuudoonnis dinqifatanii, “Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?” jedhan.
JOH 7:16 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti.
JOH 7:17 Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.
JOH 7:18 Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.
JOH 7:19 Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?”
JOH 7:20 Jarris deebisanii, “Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin.
JOH 7:21 Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani hojii tokko hojjennaan hundi keessan dinqifattan.
JOH 7:22 Museen seera dhagna qabaa isinii kenne; dhagna qabaa garuu abbootiitu jalqabe malee Musee miti; isinis Sanbataan nama dhagna qabdu.
JOH 7:23 Akka seerri Musee hin cabneef erga namni tokko Sanbataan dhagna qabachuu dandaʼee, isin maaliif sababii ani Sanbataan dhagna namaa guutuu fayyiseef natti aartu?
JOH 7:24 Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa.”
JOH 7:25 Kana irratti namoota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jedhan; “Inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii?
JOH 7:26 Kunoo inni ifatti baʼee dubbata; isaanis homaa isaan hin jenne. Abbootiin taayitaa akka inni Kiristoos taʼe sirriitti beekaniiruu laata?
JOH 7:27 Taʼus namichi kun nama eessaa akka taʼe nu beekna. Kiristoos yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokko iyyuu hin beeku.”
JOH 7:28 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;
JOH 7:29 ani garuu sababiin isa biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka.”
JOH 7:30 Kana irratti isaan isa qabuu yaalan; garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
JOH 7:31 Taʼus namoonni baayʼeen isatti amanan. Isaanis, “Kiristoos yommuu dhufutti namicha kana caalaa mallattoo hojjetaa?” jedhan.
JOH 7:32 Fariisonnis utuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa guungumanuu dhagaʼan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Yesuusin qabsiisuudhaaf eegdota mana qulqullummaa ergan.
JOH 7:33 Yesuusis akkana jedheen; “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.
JOH 7:34 Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan.”
JOH 7:35 Yihuudoonnis akkana waliin jedhan; “Namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? Gara saba keenya warra Giriikota keessa faffacaʼanii dhaqee Giriikota barsiisaa?
JOH 7:36 ‘Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaas maal jechuu isaatii?”
JOH 7:37 Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Yesuus kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu.
JOH 7:38 Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.”
JOH 7:39 Kunis waaʼee Hafuura Qulqulluu warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti. Sababii Yesuus amma illee ulfina hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hamma yeroo sanaatti hin kennamne tureetii.
JOH 7:40 Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagaʼanitti, “Kun dhugumaanuu Raajicha” jedhan.
JOH 7:41 Warri kaan immoo, “Inni Kiristoosii dha” jedhan. Namoonni kaanis akkana jedhan; “Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?
JOH 7:42 Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuu fi akka inni Beetlihemii, ganda Daawitii dhufu Katabbiin Qulqulluun ni dubbata mitii?”
JOH 7:43 Akkasiin waaʼee Yesuus irratti garaa garummaan waldaa gidduutti uumame.
JOH 7:44 Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
JOH 7:45 Eegdonni sun gara luboota hangafootaatii fi gara Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Isin maaliif isa hin fidin?” jedhanii eegdota sana gaafatan.
JOH 7:46 Eegdonnis, “Takkumaa namni akka namicha kanaatti hin dubbanne” jedhanii deebisan.
JOH 7:47 Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, “Isinis gowwoomfamtaniirtuu?
JOH 7:48 Bulchitoota keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokko iyyuu isatti amaneeraa?
JOH 7:49 Sabni seera hin beekne kun garuu abaaramaa dha.”
JOH 7:50 Niqoodemoos inni duraan Yesuus bira dhaqee fi isaan keessaas tokko taʼe sun akkana isaaniin jedhe;
JOH 7:51 “Seerri keenya utuu isa irraa hin dhagaʼin, waan inni hojjetes utuu hin beekin nama tokkotti ni muraa?”
JOH 7:52 Isaanis, “Atis nama Galiilaatii? Akka raajiin Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira gaʼi” jedhaniin. [
JOH 7:53 Ergasii isaan hundinuu gara mana isaaniitti galan.
JOH 8:1 Yesuus garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.
JOH 8:2 Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise.
JOH 8:3 Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii,
JOH 8:4 Yesuusiin akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte.
JOH 8:5 Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?”
JOH 8:6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan. Yesuus garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe.
JOH 8:7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu” jedheen.
JOH 8:8 Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.
JOH 8:9 Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe.
JOH 8:10 Yesuusis ol jedhee, “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?” jedheen.
JOH 8:11 Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen. Yesuusis, “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.]
JOH 8:12 Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
JOH 8:13 Fariisonnis, “Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti” jedhaniin.
JOH 8:14 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.
JOH 8:15 Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.
JOH 8:16 Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.
JOH 8:17 Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.
JOH 8:18 Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”
JOH 8:19 Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo deebisee, “Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan” jedhe.
JOH 8:20 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.
JOH 8:21 Yesuus amma illee, “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
JOH 8:22 Yihuudoonnis, “ ‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan.
JOH 8:23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.
JOH 8:24 Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
JOH 8:25 Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha.
JOH 8:26 Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”
JOH 8:27 Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne.
JOH 8:28 Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.
JOH 8:29 Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”
JOH 8:30 Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.
JOH 8:31 Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.
JOH 8:32 Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
JOH 8:33 Isaanis, “Nu sanyii Abrahaam; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?” jedhaniin.
JOH 8:34 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.
JOH 8:35 Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata.
JOH 8:36 Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
JOH 8:37 Isin sanyii Abrahaam taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu.
JOH 8:38 Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”
JOH 8:39 Isaanis, “Abbaan keenya Abrahaam” jedhan. Yesuus immoo akkana jedhe; “Isin utuu ijoollee Abrahaam taatanii silaa hojii Abrahaam hojjete ni hojjettu turtan.
JOH 8:40 Isin garuu ana nama dhugaa Waaqa irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam waan akkasii hin hojjenne.
JOH 8:41 Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu.” Isaanis, “Nu ejjaan hin dhalanne. Abbaa tokkicha qabna; innis Waaqa” jedhaniin.
JOH 8:42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin utuu Waaqni abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Waaqa biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.
JOH 8:43 Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.
JOH 8:44 Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
JOH 8:45 Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!
JOH 8:46 Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?
JOH 8:47 Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”
JOH 8:48 Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.
JOH 8:49 Yesuus immoo akkana jedhe; “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.
JOH 8:50 Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.
JOH 8:51 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.”
JOH 8:52 Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam duʼeera; raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta.
JOH 8:53 Ati abbaa keenya Abrahaam caaltaa? Inni duʼeera; raajonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?”
JOH 8:54 Yesuus akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Waaqa keenya jettaniin sanaa dha.
JOH 8:55 Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.
JOH 8:56 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”
JOH 8:57 Yihuudoonnis, “Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Abrahaamin argiteertaa?” jedhaniin.
JOH 8:58 Yesuusis, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Abrahaam hin dhalatin iyyuu ani anuma” isaaniin jedhe.
JOH 8:59 Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme.
JOH 9:1 Yesuus utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge.
JOH 9:2 Barattoonni isaas, “Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?” jedhanii isa gaafatan.
JOH 9:3 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Akka hojiin Waaqaa isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti.
JOH 9:4 Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa.
JOH 9:5 Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti.”
JOH 9:6 Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe.
JOH 9:7 Innis namicha sanaan, “Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu” jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe.
JOH 9:8 Olloonni isaatii fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu argan, “Namichi kun isuma taaʼee kadhachaa ture sana mitii?” jedhan.
JOH 9:9 Namoonni tokko tokko, “Eeyyee, isa” jedhan. Kaan immoo, “Miti, isa fakkaata malee” jedhan. Inni garuu, “Namichi sun anuma” jedhe.
JOH 9:10 Jarris, “Iji kee akkamitti baname ree?” jedhaniin.
JOH 9:11 Innis deebisee, “Namicha Yesuus jedhamutu dhoqqee tolchee ija koo dibee, ‘Gara Haroo Saliihoom dhaqiitii dhiqadhu’ naan jedhe; anis dhaqeen dhiqadhe; arguus nan dandaʼe.”
JOH 9:12 Isaanis, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Inni immoo, “Ani hin beeku” jedheen.
JOH 9:13 Isaanis namicha jaamaa ture sana Fariisotatti geessan.
JOH 9:14 Guyyaan itti Yesuus dhoqqee tolchee ija namichaa bane Sanbata ture.
JOH 9:15 Fariisonnis namichi akkamitti akka arguu dandaʼe isa gaafatan; namichis, “Inni dhoqqee tolchee ija koo dibe; anis nan dhiqadhe; nan arges” jedheen.
JOH 9:16 Fariisota keessaas tokko tokko, “Namichi kun waan Sanbata hin eegneef, inni Waaqa biraa hin dhufne” jedhan. Warri kaan garuu, “Cubbamaan tokko akkamitti dinqii akkanaa hojjechuu dandaʼa?” jedhan. Garaa garummaanis isaan gidduutti uumame.
JOH 9:17 Isaanis amma illee namicha jaamaa ture sanaan, “Waaʼee namicha ija kee siif bane sanaa maal jetta?” jedhan. Namichis deebisee, “Inni raajii dha” jedhe.
JOH 9:18 Yihuudoonnis hamma abbaa fi haadha namicha agartuu isaa argate sanaa waamanitti akka inni jaamaa turee fi akka inni agartuu isaa argate amma illee hin amanne.
JOH 9:19 Isaanis, “Inni kun ilma keessan isuma isin jaamaa taʼee dhalate jettan sanaa? Yoos amma immoo akkamitti arguu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
JOH 9:20 Abbaa fi haati namichaas deebisanii akkana jedhan; “Akka inni ilma keenya taʼee fi akka inni jaamaa taʼee dhalate ni beekna.
JOH 9:21 Garuu amma akkamitti akka arguu dandaʼe yookaan ija isaa eenyu akka baneef nu hin beeknu. Inni nama gaʼaa dha; waaʼee mataa isaa dubbachuu ni dandaʼa; isuma gaafadhaa.”
JOH 9:22 Abbaa fi haati isaa sababii Yihuudoota sodaataniif waan kana jedhan; namni kam iyyuu yoo Yesuus inni Kiristoos jedhee dhugaa baʼe akka mana sagadaa keessaa ariʼamu Yihuudoonni kanaan dura walii galanii murteessanii turaniitii.
JOH 9:23 Kanaafuu abbaa fi haati isaa, “Inni nama gaʼaa dha; isuma gaafadhaa” jedhan.
JOH 9:24 Isaanis yeroo lammaffaa namicha jaamaa ture sana waamanii, “Waaqaaf ulfina kenni. Namichi kun cubbamaa taʼuu isaa nu ni beekna” jedhaniin.
JOH 9:25 Innis, “Cubbamaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku. Ani waan tokkon beeka. Ani jaamaan ture; amma garuu nan arga!” jedhee deebise.
JOH 9:26 Isaanis, “Inni maal siif godhe? Ija kees akkamitti siif bane?” jedhanii isa gaafatan.
JOH 9:27 Inni immoo, “Ani kanaan dura isinitti himeera; isinis hin dhageenye. Ammas maaliif dhagaʼuu barbaaddu? Isinis barattoota isaa taʼuu barbaadduu?” jedheen.
JOH 9:28 Isaanis akkana jedhanii isa arrabsan; “Barataan namicha kanaa siʼi! Nu barattoota Musee ti!
JOH 9:29 Akka Waaqni Museetti dubbate nu beekna; namichi kun garuu eessaa akka dhufe iyyuu hin beeknu.”
JOH 9:30 Namichis deebisee akkana jedhe; “Inni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan waan nama dinquu dha; garuu inni ija koo naa bane.
JOH 9:31 Akka Waaqni cubbamoota hin dhageenye ni beekna. Inni nama isa waaqeffatuu fi fedhii isaa guutu dhagaʼa.
JOH 9:32 Eenyu iyyuu ija nama jaamaa taʼee dhalate tokkoo akka bane uumama addunyaatii jalqabee hin dhagaʼamne.
JOH 9:33 Namichi kun utuu Waaqa biraa taʼuu baatee silaa homaa gochuu hin dandaʼu ture.”
JOH 9:34 Isaanis deebisanii, “Ati kan guutummaatti cubbuun dhalatte, situ nu barsiisaa?” jedhaniin. Alattis gad isa baasan.
JOH 9:35 Yesuusis akka isaan gad isa baasan dhagaʼe; yommuu isa argettis, “Ati Ilma Namaatti ni amantaa?” jedheen.
JOH 9:36 Namichis, “Yaa gooftaa, akka ani isatti amanuuf inni eenyu?” jedhe.
JOH 9:37 Yesuusis, “Ati amma isa argiteerta; inni si wajjin haasaʼaa jiru isuma” jedheen.
JOH 9:38 Namichi sunis, “Yaa Gooftaa, ani nan amana” jedhe; ni sagadeefis.
JOH 9:39 Yesuus immoo, “Warri hin argine akka arganiif, warri argan immoo akka jaamaniif ani murtiif gara addunyaa kanaa dhufeera” jedhe.
JOH 9:40 Fariisota isa wajjin turan keessaa tokko tokko waan kana jechuu isaa dhagaʼanii, “Nus jaamota mitii ree?” jedhanii gaafatan.
JOH 9:41 Yesuusis, “Utuu jaamota taatanii silaa cubbuu hin qabdan ture; isin garuu, ‘Ni argina’ jettu; cubbuun keessan ni jiraata” jedheen.
JOH 10:1 “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha.
JOH 10:2 Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti.
JOH 10:3 Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa.
JOH 10:4 Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu.
JOH 10:5 Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.”
JOH 10:6 Yesuus fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne.
JOH 10:7 Kanaafuu Yesuus ammas akkana jedheen; “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti.
JOH 10:8 Warri na dura dhufan hundi hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaan hin dhageenye.
JOH 10:9 Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata.
JOH 10:10 Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.
JOH 10:11 “Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
JOH 10:12 Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas.
JOH 10:13 Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.
JOH 10:14 “Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;
JOH 10:15 kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna.
JOH 10:16 Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.
JOH 10:17 Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata.
JOH 10:18 Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”
JOH 10:19 Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame.
JOH 10:20 Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan.
JOH 10:21 Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
JOH 10:22 Yeroo sana Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yeroon sunis ganna ture;
JOH 10:23 Yesuusis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Solomoon keessa deddeebiʼaa ture.
JOH 10:24 Yihuudoonnis isa marsanii, “Hamma yoomiitti qalbii nu rarraaftaa? Ati yoo Kiristoos taate ifatti baasii nutti himi” jedhaniin.
JOH 10:25 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hojiin ani maqaa Abbaa kootiitiin hojjedhu waaʼee koo dhugaa baʼa.
JOH 10:26 Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan.
JOH 10:27 Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.
JOH 10:28 Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.
JOH 10:29 Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.
JOH 10:30 Anii fi Abbaan tokkuma.”
JOH 10:31 Yihuudoonni isa dhaʼuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan.
JOH 10:32 Yesuusis, “Ani hojii Abbaa kootii gaarii baayʼee isinitti argisiiseera. Hojii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaadhaan na dhooftu?” jedheen.
JOH 10:33 Yihuudoonnis, “Nu hojii gaariif jennee dhagaadhaan si hin dhoofnu; garuu waan ati Waaqa arrabsitee utumaa nama taatee jirtuu Waaqa of gooteef si dhoofna” jedhanii deebisaniif.
JOH 10:34 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Seera keessan keessatti, ‘Anuu isin, “waaqota” jedheera’jedhamee barreeffameera mitii?
JOH 10:35 Inni erga warra dubbiin Waaqaa isaaniif dhufeen ‘waaqota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef,
JOH 10:36 sababii ani, ‘Ani ilma Waaqaa ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Waaqa arrabsita’ jettu?
JOH 10:37 Yoo ani hojii Abbaa kootii hojjechuu baadhe na hin amaninaa.
JOH 10:38 Yoo ani hojii sana hojjedhe garuu yoo na amanuu baattan illee hojicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beektanii akka hubattaniif.”
JOH 10:39 Isaan amma illee isa qabuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa miliqe.
JOH 10:40 Yesuus ergasii deebiʼee Yordaanos gama iddoo Yohannis jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqee achis ture.
JOH 10:41 Namoonni baayʼeenis gara isaa dhufanii, “Yohannis mallattoo tokko illee hin hojjenne; garuu wanni inni waaʼee namicha kanaa dubbate hundinuu dhugaa dha” jedhan.
JOH 10:42 Achittis namoonni hedduun Yesuusitti amanan.
JOH 11:1 Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Maariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha.
JOH 11:2 Maariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha.
JOH 11:3 Kanaaf obboleettonni isaa, “Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira” jedhanii Yesuusitti dhaaman.
JOH 11:4 Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Dhibeen kun akka Ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfina Waaqaatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu” jedhe.
JOH 11:5 Yesuusis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture.
JOH 11:6 Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture.
JOH 11:7 Innis ergasii barattoota isaatiin, “Kottaa Yihuudaatti deebinaa” jedhe.
JOH 11:8 Barattoonni isaa immoo, “Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?” jedhaniin.
JOH 11:9 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu.
JOH 11:10 Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata.”
JOH 11:11 Innis erga waan kana dubbatee booddee, “Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa” isaaniin jedhe.
JOH 11:12 Barattoonni isaas, “Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya” jedhaniin.
JOH 11:13 Yesuus waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.
JOH 11:14 Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; “Alʼaazaar duʼeera;
JOH 11:15 akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa.”
JOH 11:16 Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, “Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa” jedhe.
JOH 11:17 Yesuus yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga awwaalamee guyyaa afur akka ture beeke.
JOH 11:18 Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte;
JOH 11:19 Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Maariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan.
JOH 11:20 Maartaan yommuu dhufaatii Yesuus dhageessetti isa simachuu gad baate; Maariyaam garuu mana teesse.
JOH 11:21 Maartaanis Yesuusiin akkana jette; “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture.
JOH 11:22 Ammas taanaan akka waan ati Waaqa kadhattu hunda Waaqni siif kennu nan beeka.”
JOH 11:23 Yesuusis, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedheen.
JOH 11:24 Maartaanis deebiftee, “Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka” jetteen.
JOH 11:25 Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;
JOH 11:26 kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?”
JOH 11:27 Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana” jetteen.
JOH 11:28 Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin kophaatti waamtee, “Barsiisaan dhufeera; si waamas” jetteen.
JOH 11:29 Maariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe.
JOH 11:30 Yesuus yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne.
JOH 11:31 Yihuudoonni Maariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara awwaalaa dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan.
JOH 11:32 Maariyaamis yommuu iddoo Yesuus ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, “Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen.
JOH 11:33 Yesuusis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates.
JOH 11:34 Innis, “Eessa isa keessan?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yaa Gooftaa, kottuu ilaali” jedhaniin.
JOH 11:35 Yesuusis imimmaan dhangalaase.
JOH 11:36 Yihuudoonnis, “Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!” jedhan.
JOH 11:37 Isaan keessaa tokko tokko garuu, “Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?” jedhan.
JOH 11:38 Yesuus ammas akka malee jeeqamee gara awwaala sanaa dhaqe. Awwaalli sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture.
JOH 11:39 Yesuusis, “Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!” jedhe. Maartaan obboleettiin isa duʼe sanaa garuu, “Yaa Gooftaa, inni erga awwaalamee waan guyyaa afur tureef yoona ni ajaaʼa” jetteen.
JOH 11:40 Yesuus immoo, “Ati yoo amante akka ulfina Waaqaa argitu ani sitti hin himnee?” jedheen.
JOH 11:41 Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Yesuusis ol ilaalee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha.
JOH 11:42 Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe.”
JOH 11:43 Yesuusis waan kana dubbatee, “Alʼaazaar, as baʼi!” jedhee sagalee guddaadhaan iyye.
JOH 11:44 Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe. Yesuusis, “Isa hiikaa, haa deemu” isaaniin jedhe.
JOH 11:45 Kanaafuu Yihuudoota gara Maariyaam dhufanii waan Yesuus hojjete argan keessaa hedduun isatti amanan.
JOH 11:46 Isaan keessaa tokko tokko garuu Fariisota bira dhaqanii waan Yesuus hojjete itti himan.
JOH 11:47 Kana irratti luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yaaʼii Yihuudootaa waaman. Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun mallattoo baayʼee argisiisaa jira. Maal haa goonu?
JOH 11:48 Yoo akkasumatti isa dhiifne namni hundi isatti amana; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya nurraa fudhatu.”
JOH 11:49 Isaan keessaas namichi Qayyaaffaa jedhamu kan bara sana luba ol aanaa ture tokko akkana isaaniin jedhe; “Isin waan tokko illee hin beektan!
JOH 11:50 Sabni guutummaatti dhumuu irra namni tokko sabaaf duʼuun akka isinii wayyu hin hubattan.”
JOH 11:51 Inni bara sana waan luba ol aanaa tureef, akka Yesuus saba sanaaf duʼu raajii dubbachuu isaati malee dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne;
JOH 11:52 kunis ijoollee Waaqaa kanneen bittinnaaʼan walitti qabee tokko gochuuf malee saba sana qofaaf miti.
JOH 11:53 Kanaafuu isaan gaafasii jalqabanii isa ajjeesuuf malachaa turan.
JOH 11:54 Kanaafuu Yesuus ifatti baʼee Yihuudoota gidduu hin deddeebine. Achii kaʼee gara magaalaa Efreem jedhamu kan gammoojjiitti dhiʼaatu tokkoo dhaqe; barattoota isaa wajjinis achi ture.
JOH 11:55 Faasiikaan Yihuudootaa waan dhiʼaatee tureef, namoonni hedduun utuu Faasiikaan hin gaʼin of qulqulleessuuf jedhanii baadiyyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼan.
JOH 11:56 Isaanis Yesuusin barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessas dhaabatanii, “Isin maal seetu? Inni gara Ayyaana kanaa hin dhufuu laata?” waliin jedhan.
JOH 11:57 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni garuu Yesuusin qabuuf jedhanii namni iddoo inni jiru beeku yoo jiraate akka isaanitti himuuf ajaja kennanii turan.
JOH 12:1 Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe.
JOH 12:2 Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture.
JOH 12:3 Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
JOH 12:4 Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe;
JOH 12:5 “Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?”
JOH 12:6 Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.
JOH 12:7 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa.
JOH 12:8 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”
JOH 12:9 Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan.
JOH 12:10 Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan;
JOH 12:11 Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.
JOH 12:12 Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan.
JOH 12:13 Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
JOH 12:14 Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;
JOH 12:15 “Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin; kunoo, mootiin kee, ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”
JOH 12:16 Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.
JOH 12:17 Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan.
JOH 12:18 Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan.
JOH 12:19 Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan.
JOH 12:20 Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan.
JOH 12:21 Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin.
JOH 12:22 Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan.
JOH 12:23 Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.
JOH 12:24 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata.
JOH 12:25 Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata.
JOH 12:26 Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
JOH 12:27 “Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe.
JOH 12:28 Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!” Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe.
JOH 12:29 Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan.
JOH 12:30 Yesuus akkana jedhee deebise; “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti.
JOH 12:31 Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama.
JOH 12:32 Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.”
JOH 12:33 Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.
JOH 12:34 Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen.
JOH 12:35 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii.
JOH 12:36 Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.” Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.
JOH 12:37 Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne.
JOH 12:38 Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?” jedhu sun akka raawwatamuuf ture.
JOH 12:39 Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;
JOH 12:40 “Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera.”
JOH 12:41 Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.
JOH 12:42 Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne;
JOH 12:43 isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
JOH 12:44 Yesuusis iyyee akkana jedhe; “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti.
JOH 12:45 Kan na argus isa na erge sana arga.
JOH 12:46 Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
JOH 12:47 “Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii.
JOH 12:48 Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.
JOH 12:49 Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne.
JOH 12:50 Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.”
JOH 13:1 Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Yesuusis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate.
JOH 13:2 Yeroo irbaataatti diiyaabiloos akka inni Yesuusin dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe.
JOH 13:3 Yesuusis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Waaqa biraa dhufee fi akka gara Waaqaatti deebiʼu illee beeka ture;
JOH 13:4 kanaaf irbaata irraa kaʼee, wayyaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaaʼe; fooxaas mudhiitti hidhate.
JOH 13:5 Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.
JOH 13:6 Inni gara Simoon Phexros dhufe; Phexrosis, “Yaa Gooftaa, situ miilla koo naa dhiqaa?” jedheen.
JOH 13:7 Yesuus immoo deebisee, “Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; booddee garuu ni hubatta” jedheen.
JOH 13:8 Phexrosis, “Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu” jedheen. Yesuusis deebisee, “Yoo ani siif dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabaattu” jedheen.
JOH 13:9 Simoon Phexrosis deebisee, “Yaa Gooftaa, yoos harka koo fi mataa koos malee miilla koo qofa hin taʼin” jedheen.
JOH 13:10 Yesuusis, “Namni dhagna isaa dhiqate tokko miilla isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; dhagni isaa guutuun qulqulluu dha. Isin qulqulluu dha; garuu hunda keessan miti” jedheen.
JOH 13:11 Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, “Qulqulluun hunda keessan miti” jedheefis kanuma.
JOH 13:12 Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; “Isin waan ani isiniif godhe hubattanii?
JOH 13:13 Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan.
JOH 13:14 Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu.
JOH 13:15 Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera.
JOH 13:16 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; ergamaanis kan isa erge hin caalu.
JOH 13:17 Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.
JOH 13:18 “Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe nan beeka. Kun garuu dubbiin Katabbii Qulqulluu kan, ‘Inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate’jedhu sun akka guutamuuf.
JOH 13:19 “Isin yommuu wanni kun taʼutti akka ani Isa taʼe akka amantaniif utuu inni hin taʼin amma isinitti nan hima.
JOH 13:20 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata.”
JOH 13:21 Yesuusis erga kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee dhugaa baʼe.
JOH 13:22 Barattoonni akka inni waaʼee eenyuu dubbate wallaalanii wal ilaalan.
JOH 13:23 Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaallatu tokko Yesuusitti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture.
JOH 13:24 Simoon Phexrosis, “Mee eenyuu jechuu isaa akka taʼe isa gaafadhu!” jedhee nyaaraan barataa sanatti hime.
JOH 13:25 Innis qoma Yesuusiitti hirkatee, “Yaa Gooftaa, eenyu innii?” jedhee gaafate.
JOH 13:26 Yesuusis deebisee, “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa” jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne.
JOH 13:27 Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale. Yesuusis, “Waan gochuuf jirtu dafii godhi” isaan jedhe.
JOH 13:28 Warra nyaataaf tataaʼan keessaas namni tokko iyyuu waan inni akkas isaan jedheef hin hubanne.
JOH 13:29 Sababii Yihuudaan korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Yesuus, akka inni waan Ayyaanaaf barbaachisu bitu yookaan akka inni hiyyeeyyiif waa kennu isatti hime seʼan.
JOH 13:30 Yihuudaanis akkuma buddeena sana fudhateen gad baʼe. Yeroon sunis halkan ture.
JOH 13:31 Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Yesuus akkana jedhe; “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqnis isaan ulfina argateera.
JOH 13:32 Waaqni erga isaan ulfina argatee, Waaqni ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.
JOH 13:33 “Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.
JOH 13:34 “Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa.
JOH 13:35 Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”
JOH 13:36 Simoon Phexrosis, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate. Yesuusis, “Ati amma iddoo ani dhaqu na faana dhaquu hin dandeessu; gara booddeetti garuu na duukaa buuta” jedhee deebiseef.
JOH 13:37 Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen.
JOH 13:38 Yesuusis deebisee, “Ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
JOH 14:1 “Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa.
JOH 14:2 Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.
JOH 14:3 Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.
JOH 14:4 Isinis karaa iddoo ani dhaquu ni beektu.”
JOH 14:5 Toomaasis, “Yaa Gooftaa, ati eessa akka dhaqxu nu hin beeknu; yoos akkamitti karaa sana beekuu dandeenya ree?” jedheen.
JOH 14:6 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
JOH 14:7 Utuu na beektanii silaa Abbaa koos akkasuma ni beektu turtan; ammaa jalqabdaniis isa beektu; isas argitaniirtu.”
JOH 14:8 Fiiliphoos, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kun nu gaʼaatii” jedheen.
JOH 14:9 Yesuusis akkana isaan jedhe; “Yaa Fiiliphoos, ani yeroo dheeraa akkanaa isin wajjin jiraadhee, ati amma illee na hin beeknee? Namni na arge Abbaas argeera. Yoos ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jechuu dandeessa ree?
JOH 14:10 Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbii isinitti dubbadhu kana ofuma kootiin hin dubbadhu. Garuu Abbaa isa na keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta.
JOH 14:11 Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru na amanaa; yookaan sababii hojii sanaatiif na amanaa.
JOH 14:12 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.
JOH 14:13 Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha.
JOH 14:14 Yoo isin maqaa kootiin waan kam iyyuu na kadhattan ani nan raawwadha.
JOH 14:15 “Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
JOH 14:16 Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;
JOH 14:17 inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu.
JOH 14:18 Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.
JOH 14:19 Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu.
JOH 14:20 Akka ani Abbaa koo keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru gaafas ni beektu.
JOH 14:21 Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa.”
JOH 14:22 Yihuudaa Keeriyoticha utuu hin taʼin inni Yihuudaan kaan, “Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti utuu hin taʼin nutti of mulʼisuu barbaadda?” jedheen.
JOH 14:23 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.
JOH 14:24 Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.
JOH 14:25 “Ani utuman isin wajjin jiruu waan kana isinitti dubbadheera.
JOH 14:26 Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.
JOH 14:27 Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.
JOH 14:28 “Isin akka ani, ‘Ani nan deema; deebiʼees gara keessan nan dhufa’ jedhe dhageessaniirtu. Utuu na jaallattanii silaa gara Abbaa dhaquu kootti ni gammaddu turtan; Abbaan na caalaatii.
JOH 14:29 Akka yommuu wanni kun taʼutti isin amantaniif utuu wanni kun hin taʼin ani amma duraan dursee isinitti himeera.
JOH 14:30 Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf, ani siʼachi isin wajjin baayʼee hin dubbadhu; inni narraa homaa hin qabu;
JOH 14:31 garuu akka ani Abbaa jaalladhu addunyaan akka beekuuf, ani akkuma Abbaan na ajajetti nan hojjedha. “Kaʼaa, asii ni deemnaa.
JOH 15:1 “Ani muka wayinii dhugaa ti; kan dhaabes Abbaa koo ti.
JOH 15:2 Inni damee koo kan ija hin naqanne hunda muree gata; damee ija naqatu immoo akka inni caalaatti naqatuuf irraa qora.
JOH 15:3 Isin dubbii ani isinitti dubbadheen amma qulqulluu dha.
JOH 15:4 Na keessa jiraadhaa; anis isin keessa nan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo muka wayiniitti jiraate malee ofuma isaatiin ija naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee ija naqachuu hin dandeessan.
JOH 15:5 “Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.
JOH 15:6 Namni na keessa hin jiraanne akka damee gad gatamee goguu ti. Dameewwan akkanaa walitti qabamanii ibiddatti naqamu; ni gubamus.
JOH 15:7 Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama.
JOH 15:8 Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.
JOH 15:9 “Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa.
JOH 15:10 Akkuma ani ajajawwan Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajajawwan koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
JOH 15:11 Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera.
JOH 15:12 Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.
JOH 15:13 Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
JOH 15:14 Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti.
JOH 15:15 Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.
JOH 15:16 Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.
JOH 15:17 Ajajni koo isa kana: Wal jaalladhaa.
JOH 15:18 “Yoo addunyaan isin jibbe, akka inni isin dura na jibbe beekaa.
JOH 15:19 Utuu isin kan addunyaa taatanii silaa addunyaan kan ofii isaa ni jaallata ture. Amma garuu waan ani addunyaa keessaa isin filadheef isin kan addunyaa miti. Kanaafuu addunyaan isin jibba.
JOH 15:20 Dubbii ani, ‘Garbichi gooftaa isaa hin caalu’jedhee isinitti hime sana yaadadhaa. Isaan erga na ariʼatanii, isinis ni ariʼatu. Yoo dubbii kootiif ajajaman, dubbii keessaniifis ni ajajamu.
JOH 15:21 Isaan waan Isa na erge sana hin beekneef, sababii maqaa kootiitiif waan kana hunda isin irratti raawwatu.
JOH 15:22 Utuu ani dhufee isaanitti himuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu cubbuu isaaniitiif sababii dhiʼeeffatan hin qaban.
JOH 15:23 Namni na jibbu Abbaa koos ni jibba.
JOH 15:24 Utuu ani hojii namni biraa tokko iyyuu hin hojjetin gidduu isaaniitti hojjechuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu utuma waan ani hojjedhe arganuu anas Abbaa koos jibbaniiru.
JOH 15:25 Kunis akka dubbiin Seera isaanii keessatti, ‘Isaan akkasumaan na jibban’jedhamee barreeffame sun raawwatamuuf taʼe.
JOH 15:26 “Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.
JOH 15:27 Isinis jalqabaa kaaftanii waan na wajjin turtaniif dhugaa baatu.
JOH 16:1 “Ani akka isin hin gufanneef jedhee wantoota kanneen isinitti himeera.
JOH 16:2 Isaan mana sagadaa keessaa isin ariʼu; dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kam iyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa.
JOH 16:3 Isaanis waan Abbaa yookaan na hin beekiniif wantoota kanneen godhu.
JOH 16:4 Anis akka isin yommuu yeroon sun gaʼutti isaan yaadattaniif wantoota kanneen isinitti himeera. Ani waanan isin wajjin tureef jalqabatti wantoota kanneen isinitti hin himne.
JOH 16:5 “Amma garuu ani gara isa na ergee nan dhaqa; taʼus isin keessaa namni, ‘Ati eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu tokko iyyuu hin jiru.
JOH 16:6 Garuu waan ani wantoota kanneen isinitti himeef garaan keessan gaddaan guutameera.
JOH 16:7 Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga.
JOH 16:8 Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa;
JOH 16:9 waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef;
JOH 16:10 waaʼee qajeelummaa, sababii ani gara Abbaa dhaquu fi sababii isinis siʼachi na hin argineef;
JOH 16:11 waaʼee murtii immoo sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef.
JOH 16:12 “Ani amma iyyuu waanan isinitti himu baayʼee qaba; isin garuu amma baachuu hin dandeessan.
JOH 16:13 Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.
JOH 16:14 Inni sababii waanuma koo fuudhee isinitti beeksisuuf ulfina naa kenna.
JOH 16:15 Wanni Abbaan qabu hundinuu kan koo ti. Inni waanuma koo fuudhee isinitti beeksisa jechuun koos kanumaaf.
JOH 16:16 “Isin yeroo muraasa booddee na hin argitan; yeroo muraasa booddee immoo deebitanii na argitu.”
JOH 16:17 Barattoota isaa keessaas tokko tokko, “Inni, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ akkanumas ‘Ani waanan gara Abbaa dhaquuf’ nuun jechuun isaa maal jechuu isaa ti?” waliin jedhan.
JOH 16:18 Isaanis, “ ‘Yeroo muraasaaf’ jechuun isaa maal jechuu isaa ti? Maal jechuu isaa akka taʼe nu hin beeknu” jedhan.
JOH 16:19 Yesuus immoo akka isaan isa gaafachuu barbaadan beekee akkana jedheen; “Wanni ani, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ jedhe sun maal jechuu koo akka taʼe wal gaafachaa jirtuu?
JOH 16:20 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin ni boossu; ni gadittus. Addunyaan garuu ni gammada. Isin ni gadditu; gaddi keessan garuu gammachuutti ni geeddarama.
JOH 16:21 Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.
JOH 16:22 Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.
JOH 16:23 Gaafas isin homaa na hin kadhattan. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kenna.
JOH 16:24 Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.
JOH 16:25 “Ani wantoota kanneen fakkeenyaan isinitti himeera; garuu yeroon ani deebiʼee fakkeenyaan isinitti hin dubbanne ni dhufa; yommus ani waaʼee Abbaa koo ifaan ifatti isinittin hima.
JOH 16:26 Isin gaafas maqaa kootiin ni kadhattu. Ani Abbaa isiniif nan kadhadha isiniin hin jedhu.
JOH 16:27 Isin waan na jaallattaniif, Waaqa biraa baʼuu koo waan amantaniif Abbaan mataan isaa isin jaallata.
JOH 16:28 Ani Abbaa biraa baʼee gara addunyaa dhufeera; ammas addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa.”
JOH 16:29 Barattoonni isaas akkana jedhan; “Kunoo, ati amma iyyuu fakkeenyaan utuu hin taʼin ifaan ifatti dubbachaa jirta.
JOH 16:30 Akka ati waan hunda beektuu fi akka namni tokko iyyuu gaaffii si gaafachuu hin barbaachifne nu amma ni beekna. Kanaanis nu akka ati Waaqa biraa baate ni amanna.”
JOH 16:31 Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Isin amma ni amantuu?
JOH 16:32 Kunoo yeroon isin itti kophaatti na dhiiftanii tokkoon tokkoon keessan gara feetanitti bittinnooftan tokko ni dhufa. Ammuma iyyuu dhufeera. Garuu waan Abbaan koo na wajjin jiruuf ani kophaa koo miti.
JOH 16:33 “Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”
JOH 17:1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe: “Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni.
JOH 17:2 Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii.
JOH 17:3 Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif.
JOH 17:4 Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera.
JOH 17:5 Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.
JOH 17:6 “Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.
JOH 17:7 Isaan akka wanni ati anaaf kennite hundumtuu si biraa dhufe amma beekaniiru.
JOH 17:8 Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa baʼes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru.
JOH 17:9 Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.
JOH 17:10 Wanni ani qabu hundinuu kan kee ti; wanni ati qabdu hundinuus kan koo ti. Anis kanaan ulfina nan argadha.
JOH 17:11 Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi.
JOH 17:12 Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne.
JOH 17:13 “Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu taʼuuf, ani amma iyyuu utuman addunyaa keessa jiruu wantoota kanneen nan dubbadha.
JOH 17:14 Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.
JOH 17:15 Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si hin kadhadhu.
JOH 17:16 Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti.
JOH 17:17 Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
JOH 17:18 Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera.
JOH 17:19 Akka isaanis dhugumaan qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa.
JOH 17:20 “Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu;
JOH 17:21 kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.
JOH 17:22 Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera;
JOH 17:23 kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.
JOH 17:24 “Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.
JOH 17:25 “Yaa Abbaa Qajeelticha, addunyaan si hin beeku; ani garuu sin beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku.
JOH 17:26 Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”
JOH 18:1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee barattoota isaa wajjin Sulula Qeediroon gama iddoo biqiltuun ture tokkotti ceʼe; innis, barattoonni isaas achi keessa seenan.
JOH 18:2 Yesuus yeroo baayʼee barattoota isaa wajjin achitti wal argaa waan tureef, Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kennu sunis iddoo sana beeka ture.
JOH 18:3 Kanaafuu Yihuudaan tuuta loltootaatii fi qondaaltota luboota hangafootaa fi Fariisota biraa ergaman dura deemaa achi dhufe. Isaanis guca, ibsaa fi miʼa lolaa qabatanii turan.
JOH 18:4 Yesuusis waan isa irra gaʼuuf jiru hunda beeknaan gad baʼee, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
JOH 18:5 Isaanis deebisanii, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan. Yesuus immoo, “Ani isaa dha” jedhe. Yihuudaan inni dabarsee isa kennu sunis jara wajjin achi dhaabachaa ture.
JOH 18:6 Yommuu Yesuus, “Ani isaa dha” isaaniin jedhetti dugda duubatti deebiʼanii lafatti kukkufan.
JOH 18:7 Inni ammas, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan.
JOH 18:8 Yesuusis deebisee, “Ani, ‘Ani isaa dha’ isiniin jedheera. Kanaafuu, isin yoo na barbaaddan namoota kanneen dhiisaa haa deemanii!” jedhe.
JOH 18:9 Kunis akka dubbiin inni, “Ani warra ati naa kennite keessaa tokko illee hin ganne” jedhee dubbate sun raawwatamuuf taʼe.
JOH 18:10 Simoon Phexros goraadee qabu luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute. Maqaan garbicha sanaas Maalkoosii dha.
JOH 18:11 Yesuusis Phexrosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi! Ani xoofoo Abbaan naa kenne hin dhuguu?” jedhe.
JOH 18:12 Tuunni loltootaa, ajajaan isaaniitii fi eegdonni Yihuudootaas Yesuusin qabanii hidhan.
JOH 18:13 Isaanis duraan dursanii Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbaa niitii Qayyaaffaa ti; Qayyaaffaan immoo bara sana luba ol aanaa ture.
JOH 18:14 Qayyaaffaan isa akka namni tokko uummataaf duʼuun wayyu Yihuudoota gorsee turee dha.
JOH 18:15 Simoon Phexrosii fi barataan biraa Yesuus faana buʼan. Barataan sunis waan luba ol aanaa biratti beekamaa tureef, Yesuus wajjin dallaa luba ol aanaa keessa seene;
JOH 18:16 Phexros garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekamaa ture kaan gad baʼee intala balbala eegdutti himee Phexrosin ol seensise.
JOH 18:17 Intalli balbala eegdu sunis Phexrosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette. Inni immoo deebisee, “Ana miti” jedhe.
JOH 18:18 Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonnii fi eegdonni ibidda qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan. Phexrosis isaan wajjin dhaabatee qaqqaammachaa ture.
JOH 18:19 Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waaʼee barattoota isaatii fi waaʼee barsiisa isaa gaafate.
JOH 18:20 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani ifaan ifatti addunyaatti dubbadheera; iddoo Yihuudoonni hundi itti walitti qabamanitti, manneen sagadaattii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo hunda barsiisaan ture. Ani waan tokko illee icciitiidhaan hin dubbanne.
JOH 18:21 Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo isaan waan ani jedhe beeku.”
JOH 18:22 Yommuu Yesuus wantoota kanneen jedhetti qondaaltota achi ijaajjaa turan keessaa tokko, “Luba ol aanaaf akkana deebiftaa?” jedhee isa kabale.
JOH 18:23 Yesuusis deebisee, “Yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa baʼi. Yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na rukutta?” jedhe.
JOH 18:24 Haannaasis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara lubicha ol aanaa, gara Qayyaaffaatti erge.
JOH 18:25 Simoon Phexros dhaabatee ibidda qaqqaammachaa ture. Kanaafuu isaan, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” jedhaniin. Inni immoo, “Ana mitii” jedhee haale.
JOH 18:26 Garboota luba ol aanaa keessaas firri namicha Phexros gurra isaa irraa kute sanaa tokko, “Ani iddoo biqiltuutti isa wajjin si hin arginee?” jedheen.
JOH 18:27 Phexros ammas ni gane; yommusuma indaanqoon iyye.
JOH 18:28 Yihuudoonnis Yesuusin mana Qayyaaffaatii fuudhanii masaraa bulchaa warra Roomaatti geessan. Yeroon sun ganama barii ture; Yihuudoonnis akka hin xuroofneef jedhanii masaraa ol hin seenne; kunis akka Faasiikaa nyaachuu dandaʼaniif.
JOH 18:29 Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate.
JOH 18:30 Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif.
JOH 18:31 Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen. Yihuudoonnis, “Nu garuu nama tokko illee ajjeesuuf mirga hin qabnu” jedhaniin.
JOH 18:32 Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe.
JOH 18:33 Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.
JOH 18:34 Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.
JOH 18:35 Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen.
JOH 18:36 Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe.
JOH 18:37 Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen. Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise.
JOH 18:38 Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne.
JOH 18:39 Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?”
JOH 18:40 Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture.
JOH 19:1 Phiilaaxoosis Yesuusin fuudhee garafsiise.
JOH 19:2 Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii,
JOH 19:3 “Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.
JOH 19:4 Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, “Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa” jedhe.
JOH 19:5 Yesuusis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, “Namichi kunoo ti!” isaaniin jedhe.
JOH 19:6 Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo deebisee, “Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne” jedheen.
JOH 19:7 Yihuudoonnis deebisanii, “Nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Waaqaa of godheef akka seera keenyaatti duʼuu qaba” jedhan.
JOH 19:8 Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate.
JOH 19:9 Innis masaraatti ol deebiʼee, “Ati nama eessaati?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef.
JOH 19:10 Phiilaaxoosis, “Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?” jedheen.
JOH 19:11 Yesuus immoo, “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba” jedhee deebiseef.
JOH 19:12 Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, “Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma” jedhanii iyyan.
JOH 19:13 Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti Yesuusin gad baasee, iddoo “Dhagaa Afamaa” kan afaan Ibraayisxiitiin “Gabataa” jedhamutti barcuma murtii irra taaʼe.
JOH 19:14 Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture. Phiilaaxoosis Yihuudootaan, “Mootiin keessan kunoo ti!” jedhe.
JOH 19:15 Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif.
JOH 19:16 Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne. Isaanis Yesuusin fuudhanii deeman.
JOH 19:17 Innis fannoo ofii isaa baadhatee iddoo Buqqee Mataa kan afaan Ibraayisxiitiin Golgootaa jedhamutti ol baʼe.
JOH 19:18 Isaanis achitti isa fannisan; isa wajjinis namoota biraa lama, isa tokko garanaan, kaan immoo garasiin, Yesuusin immoo gidduu isaaniitti fannisan.
JOH 19:19 Phiilaaxoosis Katabbii, Yesuus Isa Naazreeti, Mooticha Yihuudootaa, jedhu tokko barreessee fannoo sanatti maxxanse.
JOH 19:20 Iddoon Yesuus itti fannifame waan magaalaatti dhiʼoo tureef Yihuudoonni hedduun katabbii sana dubbisaniiru; katabbiin sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Giriikiin barreeffame.
JOH 19:21 Luboonni Yihuudootaa hangafoonni Phiilaaxoosiin, “Namichi kun, ‘ “Ani mootii Yihuudootaa ti” jedheera’ jedhii barreessi malee, ‘Inni Mootii Yihuudootaa ti’ jettee hin barreessin” jedhan.
JOH 19:22 Phiilaaxoosis, “Ani waanan barreesse, barreesseera” jedhee deebise.
JOH 19:23 Loltoonni sunis erga Yesuusin fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture.
JOH 19:24 Kanaafuu isaan, “Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa” waliin jedhan. Kunis akka Katabbiin Qulqulluun, “Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan” jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma.
JOH 19:25 Fannoo Yesuus biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam niitiin Qilophaatii fi Maariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan.
JOH 19:26 Yesuusis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, “Dubartii nana! Kunoo, ilma kee” jedhe.
JOH 19:27 Barataa sanaan illee, “Kunoo haadha kee” jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.
JOH 19:28 Ergasii Yesuus akka wanni hundinuu raawwatame beekee akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuuf, “Nan dheebodhe” jedhe.
JOH 19:29 Qodaan dhangaggaaʼaa qabu tokko achi ture; isaanis dhangaggaaʼaa sana keessa ispoonjii cuuphanii hiisophiitti kaaʼanii afaan isaatti qaban.
JOH 19:30 Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, “Raawwateera” jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.
JOH 19:31 Guyyaan sun guyyaa Qophii ture; guyyaan itti aanus Sanbataa addaa ture. Kanaafuu akka reeffi isaanii Sanbataan fannoo irra hin oolle gochuuf jedhanii akka miilli isaanii cabsamee fannoo irraa gad buufamuuf Yihuudoonni Phiilaaxoosin kadhatan.
JOH 19:32 Kanaafuu loltoonni dhaqanii miilla namicha jalqabaa, miilla namicha Yesuus wajjin fannifame kaaniis cabsan.
JOH 19:33 Yommuu gara Yesuus dhufanitti garuu inni duʼe waan arganiif miilla isaa hin cabsine.
JOH 19:34 Loltoota sana keessaa inni tokko garuu eeboodhaan cinaacha isaa waraane; yeruma sana dhiignii fi bishaan baʼe.
JOH 19:35 Namni waan kana arge rageesseera; ragaan isaas dhugaa dha. Inni akka dhugaa dubbatu ni beeka; inni akka isinis amantaniif dubbata.
JOH 19:36 Kunis wanni Katabbiin Qulqulluun, “Lafeen isaa tokko iyyuu hin cabsamu” jedhe sun akka raawwatamuuf taʼe.
JOH 19:37 Ammas Katabbiin Qulqulluun biraa, “Isaanis isa waraanan sana ni ilaalu” jedha.
JOH 19:38 Ergasii Yoosef namni Armaatiyaa kan sababii Yihuudoota sodaateef dhoksaan barataa Yesuus ture sun reeffa Yesuus fudhachuuf Phiilaaxoosin kadhate. Phiilaaxoosis isaaf eeyyame; kanaafuu inni dhaqee reeffa Yesuus fudhate.
JOH 19:39 Niqoodemoos inni duraan halkaniin gara Yesuus dhufee tures walmakaa qumbiitii fi argeessa gara kiiloo giraamii soddomii afur ulfaatu qabatee dhufe.
JOH 19:40 Isaanis reeffa Yesuus fuudhanii akka duudhaa Yihuudootaatti awwaaluuf urgooftuu wajjin huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan.
JOH 19:41 Iddoo Yesuus itti fannifames lafa biqiltuu tokkotu ture; lafa biqiltuu sana keessas iddoo awwaalaa haaraa kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokkotu ture.
JOH 19:42 Sababii guyyaan sun guyyaa Qophii Yihuudootaa turee fi iddoon awwaalaa sunis waan dhiʼoo tureef Yesuusin achi keessa kaaʼan.
JOH 20:1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii utuma dukkanaaʼee jiruu Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalaa dhaqxee akka dhagaan afaan awwaala sanaa irraa fuudhame argite.
JOH 20:2 Kanaafuu isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara barataa biraa kan Yesuus isa jaallate sanaa dhaqxee, “Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu!” jetteen.
JOH 20:3 Kanaafuu Phexrosii fi barataan kaan baʼanii gara awwaalichaa dhaqan.
JOH 20:4 Lachan isaanii iyyuu ni fiigu turan; barataan kaan garuu Phexros bira darbee fiiguudhaan dursee iddoo awwaalaa sana gaʼe.
JOH 20:5 Innis gad jedhee ilaalee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame lafatti arge malee awwaalicha keessa hin seenne.
JOH 20:6 Simoon Phexros immoo isa duubaan dhufee awwaalicha keessa seene. Huccuu sanas lafatti arge;
JOH 20:7 akkanumas huccuu mataa Yesuusitti maramee ture arge. Huccuun sunis kophaa isaa dachaafamee iddoo biraa ture malee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame sana bira hin turre.
JOH 20:8 Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane.
JOH 20:9 Isaan akka Yesuus warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.
JOH 20:10 Barattoonni sunis gara mana isaaniitti deebiʼan.
JOH 20:11 Maariyaam garuu alaan awwaala bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus awwaallatti gad jettee ilaalte;
JOH 20:12 isheenis ergamoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Yesuus kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite.
JOH 20:13 Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhaniin. Isheen immoo, “Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis ani hin beeku” jetteen.
JOH 20:14 Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Yesuusin isaa achi dhaabatu argite; garuu Yesuus taʼuu isaa hin beekne.
JOH 20:15 Yesuusis, “Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?” jedheen. Isheen immoo, nama iddoo biqiltuu keessa hojjetu seetee, “Yaa gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi” jetteen.
JOH 20:16 Yesuusis, “Maariyaam!” jedheen. Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” jetteen. Hiikkaan isaas “Barsiisaa” jechuu dha.
JOH 20:17 Yesuus immoo, “Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi” jedheen.
JOH 20:18 Maariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, “Ani Gooftaa argeera!” jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte.
JOH 20:19 Guyyaa jalqaba torban sanaa galgala utuu barattoonni waan Yihuudoota sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Yesuus dhufee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen.
JOH 20:20 Innis erga waan kana dubbatee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan.
JOH 20:21 Yesuus amma illee, “Nagaan isiniif haa taʼu! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga” jedheen.
JOH 20:22 Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; “Hafuura Qulqulluu fudhadhaa.
JOH 20:23 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu.”
JOH 20:24 Garuu yeroo Yesuus dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre.
JOH 20:25 Kanaafuu barattoonni warri kaan, “Nu Gooftaa argineerra!” jedhanii isatti himan. Inni garuu, “Ani iddoo mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba koo iddoo mismaaraa sana keessa kaaʼu malee, harka koos cinaacha isaa keessa kaaʼu malee hin amanu” jedheen.
JOH 20:26 Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Yesuus ol galee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedheen.
JOH 20:27 Innis Toomaasiin, “Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin” jedhe.
JOH 20:28 Toomaas immoo, “Gooftaa koo! Waaqa koo!” jedheen.
JOH 20:29 Yesuusis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen.
JOH 20:30 Yesuus barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete.
JOH 20:31 Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.
JOH 21:1 Wantoota kanneen booddee Yesuus ammas galaana Xibeeriyaas biratti barattoota isaatti of mulʼise. Haalli inni ittiin of mulʼises akkana ture:
JOH 21:2 Simoon Phexros, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatnaaʼel namichi Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewoosii fi barattoonni biraa lama walii wajjin turan.
JOH 21:3 Simoon Phexrosis, “Ani qurxummii qabuu nan dhaqa” isaaniin jedhe; isaanis, “Nus si wajjin dhaqna” jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne.
JOH 21:4 Ganama bariidhaanis Yesuus qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Yesuus taʼe hin beekne.
JOH 21:5 Innis isaan waamee, “Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?” jedhee gaafate. Isaan immoo, “Hin qabnu” jedhanii deebisan.
JOH 21:6 Innis, “Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu” jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban.
JOH 21:7 Barataan inni Yesuus isa jaallachaa ture sunis, “Inni Gooftaa dha!” jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu “Inni Gooftaa dha” jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale.
JOH 21:8 Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan.
JOH 21:9 Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan.
JOH 21:10 Yesuusis, “Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!” isaaniin jedhe.
JOH 21:11 Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane.
JOH 21:12 Yesuusis, “Kottaa ciree nyaadhaa!” isaaniin jedhe. Barattoota keessaas namni ija jabaatee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate tokko iyyuu hin turre. Isaan akka inni Gooftaa taʼe beekaniiruutii.
JOH 21:13 Yesuusis dhufee buddeena sana fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe.
JOH 21:14 Egaa Yesuus erga duʼaa kaafamee, kana wajjin yeroo sadaffaa barattoota isaatti mulʼate.
JOH 21:15 Yesuus erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis, “Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheen.
JOH 21:16 Yesuus amma illee, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Innis deebisee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuus immoo, “Hoolota koo tiksi” jedheen.
JOH 21:17 Yeroo sadaffaas, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Phexrosis sababii Yesuus yeroo sadaffaa, “Ati na jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Yaa Gooftaa, ati waan hunda beekta; akka ani si jaalladhus ni beekta” jedheen. Yesuusis akkana jedheen; “Hoolota koo soori.
JOH 21:18 Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati yeroo dargaggeessa turtetti, ofuma keetiin mudhii kee hidhattee lafa barbaadde dhaqxa turte; yeroo dulloomtutti garuu harka kee ni diriirfatta; namni biraas mudhii kee siif hidhee lafa ati hin barbaannetti si geessa.”
JOH 21:19 Yesuusis akka Phexros duʼa akkamiitiin Waaqa ulfeessu argisiisuuf jedhee waan kana dubbate; ergasii, “Na duukaa buʼi” jedheen.
JOH 21:20 Phexrosis garagalee utuu barataan inni Yesuus isa jaallatu sun isaan duukaa buʼuu arge. Barataan kunis isa yeroo irbaataatti qoma Yesuusiitti irkatee, “Yaa Gooftaa, inni dabarsee si kennu eenyu?” jedhe sanaa dha.
JOH 21:21 Phexrosis yommuu isa argetti, “Yaa Gooftaa, namichi kun hoo?” jedhee Yesuusin gaafate.
JOH 21:22 Yesuusis deebisee, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe, maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼi” jedheen.
JOH 21:23 Kanaaf oduun, “Barataan kun hin duʼu” jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Yesuus garuu, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe maaltu si dhibe?” jedhe malee, “Inni hin duʼu” hin jenne.
JOH 21:24 Inni dubbii kana dhugaa baʼu, kan waan kanas barreesse barataadhuma kana. Akka dhuga baʼumsi isaa dhugaa taʼes nu beekna.
JOH 21:25 Kana malees Yesuus waan biraa baayʼee hojjeteera. Utuu tokkoon tokkoon isaanii barreeffamanii jiraatanii silaa ani waan addunyaan mataan ishee iyyuu kitaabota barreeffaman sanaaf iddoo gaʼu qabdu hin seʼu.
ACT 1:1 Yaa Tewofilos, ani waan Yesuus hojjechuu fi barsiisuu jalqabe hunda kitaaba koo kan jalqabaa keessatti barreesseera.
ACT 1:2 Wanni kunis waan erga Yesuus ergamoota filate sanaaf karaa hafuura qulqulluutiin ajaja kennee booddee hamma gaafa inni Samiitti ol fudhatameetti taʼee dha.
ACT 1:3 Innis duʼa isaa booddee namoota kanatti of argisiisee waan akka inni jiraataa taʼe mirkaneessu baayʼees dhiʼeesse; bultii afurtama isaanitti mulʼatee waaʼee mootummaa Waaqaa dubbate.
ACT 1:4 Utuu isaan wajjin jiruus akkana jedhee isaan ajaje; “Waadaa Abbaa kootii kan waaʼee isaa narraa dhageessan sana eeggadhaa malee Yerusaalemii hin baʼinaa.
ACT 1:5 Yohannis bishaaniin cuupheetii; isin garuu bultii xinnoo booddee Hafuura Qulqulluudhaan ni cuuphamtu.”
ACT 1:6 Isaanis yommuu walitti qabamanitti, “Yaa Gooftaa, ati yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebiftaa?” jedhanii isa gaafatan.
ACT 1:7 Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Yeroo yookaan guyyaa Abbaan aangoo isaatiin murteesse beekuun hojii keessan miti.
ACT 1:8 Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu.”
ACT 1:9 Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
ACT 1:10 Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan.
ACT 1:11 Akkanas jedhaniin; “Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa.”
ACT 1:12 Isaanis gaara Tulluu Ejersaa jedhamu irraa Yerusaalemitti deebiʼan; gaarri kunis Yerusaalem irraa gara deemsa guyyaa Sanbata tokkoo fagaata.
ACT 1:13 Isaanis yommuu Yerusaalem gaʼanitti kutaa darbii kan keessa jiraachaa turan sanatti ol baʼan; isaanis: Phexrosii fi Yohannis, Yaaqoobii fi Indiriiyaas, Fiiliphoosii fi Toomaas, Bartaloomewoosii fi Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa Hinaafticha jedhamuu fi Yihuudaa ilma Yaaqoob turan.
ACT 1:14 Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.
ACT 1:15 Gidduma sana Phexros kaʼee amantoota gara 120 taʼan gidduu dhaabate.
ACT 1:16 Akkanas jedhe; “Yaa obboloota, dubbiin kitaabaa kan Hafuurri Qulqulluun yeroo dheeraan dura waaʼee Yihuudaa isa warra Yesuusin qaban fide sanaa afaan Daawitiitiin dubbate sun raawwatamuu qaba.
ACT 1:17 Innis miseensa keenyaa fi nama akka tajaajila kana keessatti qooda qabaatuuf filatame ture.”
ACT 1:18 Yihuudaan horii hammina hojjetee argate sanaan lafa bitate; innis mataan kufee qixxee lamaanitti tarsaʼe; marʼumaan isaa hundinuus keessaa jige.
ACT 1:19 Namoonni Yerusaalem keessa jiraatan hundinuus waan kana dhagaʼan; lafa sanas afaan isaaniitiin Akeldaamaa jedhanii waaman. Akeldaamaa jechuun “Lafa Dhiigaa” jechuu dha.
ACT 1:20 Phexrosis akkana jedhe; “Kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Qeʼeen isaa haa onu; namni keessa jiraatu tokko iyyuus hin hafin’ akkasumas “ ‘Aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.’
ACT 1:21 Kanaaf warra yeroo gooftaa Yesuus nu gidduu baʼee galaa ture hundumaa nu wajjin turan keessaa nama tokko filachuun barbaachisaa dha;
ACT 1:22 namni filatamu kun nama cuuphaa Yohannisii jalqabee hamma gaafa Yesuus nu biraa samiitti ol fudhatameetti nu wajjin ture taʼuu qaba. Namoota kanneen keessaa tokko nu wajjin dhuga baatuu duʼaa kaʼuu Yesuus taʼuu qabaatii.”
ACT 1:23 Kanaafis namoota lama dhiʼeessan; isaanis Yoosef isa Barsaabaas jedhamu kan Yoosxoos jedhamee beekamu tokkoo fi Maatiyaas.
ACT 1:24 Akkanas jedhanii Waaqa kadhatan; “Yaa Gooftaa garaa nama hundumaa beektu, ati namoota kanneen lamaan keessaa isa kam akka filatte nutti argisiisi;
ACT 1:25 kunis akka inni tajaajilaa fi ergamtummaa Yihuudaan dhiisee gara iddoo ofii isaatti gara gale sana fudhatuuf.”
ACT 1:26 Isaanis ixaa buusan; ixaan sunis Maatiyaasiif baʼe. Kanaafuu inni ergamoota kudha tokkotti dabalame.
ACT 2:1 Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
ACT 2:2 Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute.
ACT 2:3 Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan.
ACT 2:4 Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
ACT 2:5 Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.
ACT 2:6 Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii.
ACT 2:7 Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii?
ACT 2:8 Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree?
ACT 2:9 Nu warri Phartee, warri Meedii fi warri Elaam, jiraattonni Mesophotaamiyaa, warri Yihuudaa fi Qaphadooqiyaa akkasumas jiraattonni Phonxoosii fi Asiyaa,
ACT 2:10 Firiigiyaa fi Phamfiliyaa, Gibxii fi kutaawwan biyya Liibiyaa kanneen naannoo Qareenaatti argaman, nu warri Roomaadhaa dhufne,
ACT 2:11 nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!”
ACT 2:12 Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
ACT 2:13 Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
ACT 2:14 Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa.
ACT 2:15 Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne!
ACT 2:16 Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
ACT 2:17 “ ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo, ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa; ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; dargaggoonni keessan mulʼata argu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
ACT 2:18 Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee, Hafuura koo nan dhangalaasa; isaanis raajii ni dubbatu.
ACT 2:19 Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis mallattoo, dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
ACT 2:20 Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi ulfina qabeessi sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
ACT 2:21 Namni maqaa Gooftaa waammatu, hundinuu ni fayya.’
ACT 2:22 “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
ACT 2:23 Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan.
ACT 2:24 Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.
ACT 2:25 Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate: “ ‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture. Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu.
ACT 2:26 Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos abdiidhaan jiraata.
ACT 2:27 Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii; qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.
ACT 2:28 Karaa jireenyaa na barsiifteerta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’
ACT 2:29 “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa.
ACT 2:30 Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke.
ACT 2:31 Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate.
ACT 2:32 Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti.
ACT 2:33 Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.
ACT 2:34 Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha: “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Gara mirga koo taaʼi;
ACT 2:35 hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’
ACT 2:36 “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
ACT 2:37 Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
ACT 2:38 Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
ACT 2:39 Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
ACT 2:40 Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse.
ACT 2:41 Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
ACT 2:42 Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
ACT 2:43 Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame.
ACT 2:44 Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan.
ACT 2:45 Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan.
ACT 2:46 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan.
ACT 2:47 Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.
ACT 3:1 Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhannaatti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan.
ACT 3:2 Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan “Miidhagaa” jedhamuutti geessu turan.
ACT 3:3 Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate.
ACT 3:4 Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, “Mee nu ilaali!” jedheen.
ACT 3:5 Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale.
ACT 3:6 Phexrosis, “Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!” jedhe.
ACT 3:7 Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate.
ACT 3:8 Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Waaqas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene.
ACT 3:9 Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti,
ACT 3:10 akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, “Miidhagaa” jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis.
ACT 3:11 Namoonni hundinuu yeroo namichi fayye sun Phexrosii fi Yohannis biraa deebiʼuu didetti dinqisiifatanii utuu isaan iddoo gardaafoo Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan.
ACT 3:12 Phexrosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel wanni kun maaliif isin dinqa? Akka waan nu humna yookaan qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maaliif ija nutti babaaftu?
ACT 3:13 Waaqni abbootii keenyaa, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaqii fi Waaqni Yaaqoob tajaajilaa isaa Yesuusin kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan.
ACT 3:14 Isinis isa qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii akka namichi nama ajjeese sun gad isinii dhiifamu kadhattan.
ACT 3:15 Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti.
ACT 3:16 Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Yesuusitti amanuudhaan jabaate. Maqaa Yesuusii fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne.
ACT 3:17 “Ammas yaa obboloota, akka isinis utuu hin beekin akkuma bulchitoonni keessan gochaa turan sana gootan ani nan beeka.
ACT 3:18 Waaqni garuu waan akka Kiristoos dhiphachuuf jiru duraan dursee karaa raajota hundaatiin dubbate sana akkanaan raawwate.
ACT 3:19 Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa;
ACT 3:20 kunis akka inni Kiristoos isiniif filatame sana jechuunis Yesuusin erguuf.
ACT 3:21 Innis hamma yeroon Waaqni itti waan hunda iddootti deebisu sun gaʼutti samii irra turuu qaba; Waaqnis bara dheeraadhaan dura karaa raajota isaa qulqullootaatiin waan kana dubbatee ture.
ACT 3:22 Museen akkana jedheeraatii; ‘Waaqni keessan Gooftaan sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa; isinis waan inni isinitti himu hunda dhagaʼaa.
ACT 3:23 Namni raajii sana hin dhageenye kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.’
ACT 3:24 “Saamuʼeel irraa jalqabee raajonni isa duubaan dhufanii waa dubbatan hundi duraan dursanii waaʼee yeroo sanaa labsaniiru.
ACT 3:25 Isin immoo ilmaan raajotaatii fi ilmaan kakuu Waaqni abbootii keessan wajjin seene sanaa ti. Innis Abrahaamiin, ‘Sabni lafa irraa hundi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama’ jedhe.
ACT 3:26 Waaqni yeroo Ilma isaa duʼaa kaasetti, tokkoo tokkoo keessan hammina irraa isin deebisuudhaan isin eebbisuuf jedhee jalqabatti gara keessanitti isa erge.”
ACT 4:1 Utuu Phexrosii fi Yohannis namootatti dubbachaa jiranuu, luboonni, ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi Saduuqonni isaanitti dhufan.
ACT 4:2 Sababii ergamoonni sun namoota barsiisanii duʼaa kaʼuu karaa Yesuusiitiin argamu labsaniifis akka malee aaran.
ACT 4:3 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin qabanii hamma guyyaa itti aanuutti mana hidhaatti isaan galchan; galgalaaʼee tureetii.
ACT 4:4 Warra dubbicha dhagaʼan keessaas baayʼeetu amane; baayʼinni warra amanees gara kuma shaniitti ol kaʼe.
ACT 4:5 Guyyaa itti aanuttis bulchitoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa Yerusaalemitti wal gaʼan.
ACT 4:6 Haannaas lubichi ol aanaan, isa wajjin immoo Qayyaaffaan, Yohannis, Iskindiroosii fi namoonni maatii lubicha ol aanaa taʼan kaan hundi achi turan.
ACT 4:7 Isaanis Phexrosii fi Yohannisin gidduu isaanii dhaabanii, “Isin humna maaliitiin yookaan maqaa eenyuutiin waan kana gootan?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
ACT 4:8 Phexrosis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa bulchitootaa fi maanguddoota uummataa!
ACT 4:9 Harʼa waaʼee waan gaarii nama naafa tokkoof godhameetii fi akka inni itti fayyifame yoo nu gaafattan,
ACT 4:10 isinii fi namoonni Israaʼel hundinuu waan kana beekaa; namichi kun maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazreeti kan isin fanniftanii Waaqni immoo warra duʼan keessaa isa kaase sanaatiin fayyee fuula keessan dura dhaabata.
ACT 4:11 Yesuusis, “ ‘Dhagaa isin ijaartonni tuffattan kan dhagaa golee taʼee dha.’
ACT 4:12 Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
ACT 4:13 Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Yesuus wajjin turanis ni qalbeeffatan.
ACT 4:14 Garuu namicha fayyifame sana isaa isaanuma wajjin achi dhaabatu arganii waan dubbatan dhaban.
ACT 4:15 Kanaaf akka isaan waldaa keessaa gad baʼan ajajanii wajjin mariʼachuu jalqaban.
ACT 4:16 Akkanas jedhan; “Jara kana maal haa goonu? Akka isaan dinqii guddaa hojjetan namni Yerusaalem keessa jiraatu hundi ni beeka; nus waan kana waakkachuu hin dandeenyu.
ACT 4:17 Garuu akka wanni kun hammana caalaa uummata keessa hin babalʼanneef nu akka jarri kun siʼachi maqaa kanaan nama tokkotti illee hin dubbanne isaan of eeggachiisuu qabna.”
ACT 4:18 Isaanis jara waamanii akka isaan gonkumaa maqaa Yesuusiitiin hin dubbanne yookaan hin barsiifne isaan ajajan.
ACT 4:19 Phexrosii fi Yohannis garuu deebisanii akkana jedhan; “Qooda Waaqaa isiniif ajajamuun fuula Waaqaa duratti akka qajeelaa taʼee fi akka hin taʼin mee isinuu ilaalaa!
ACT 4:20 Nu waan arginee fi waan dhageenye dubbachuu dhiisuu hin dandeenyuutii.”
ACT 4:21 Isaanis erga ittuma fufanii doorsisanii booddee jara gad dhiisan. Waan namoonni sababii waan hojjetame sanaatiif Waaqa galateeffachaa turaniifis akka itti jara adaban murteeffachuu hin dandeenye.
ACT 4:22 Umuriin namicha karaa dinqiitiin fayyifame sanaa waggaa afurtamaa ol tureetii.
ACT 4:23 Phexrosii fi Yohannis yeroo gad dhiifamanitti gara saba isaanii dhaqanii waan luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni jedhaniin hundumaa isaanitti himan.
ACT 4:24 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti kadhannaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Waaqatti ol fuudhanii akkana jedhan; “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume.
ACT 4:25 Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan tajaajilaa kee abbaa keenya Daawitiitiin akkana jettee dubbatteerta; “ ‘Namoonni maaliif akkanumaan mariʼatu? Saboonnis maaliif waan faayidaa hin qabne yaadu?
ACT 4:26 Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Gooftichaa fi dibamaa isaatiin mormuuf walitti qabaman.’
ACT 4:27 Dhugumaan Heroodisii fi Phonxoos Phiilaaxoos Namoota Ormaatii fi uummata Israaʼel wajjin hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesuus isa ati dibdetti mariʼachuuf jedhanii magaalaa kana keessatti walitti qabaman.
ACT 4:28 Isaanis waanuma humnii fi fedhiin kee akka wanni kun taʼuuf duraan dursanii murteessan sana hojjetan.
ACT 4:29 Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif.
ACT 4:30 Nama fayyisuu fi maqaa tajaajilaa kee qulqullichaa, maqaa Yesuusiitiin mallattoo fi dinqii hojjechuuf harka kee diriirfadhu.”
ACT 4:31 Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.
ACT 4:32 Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne.
ACT 4:33 Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture.
ACT 4:34 Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii,
ACT 4:35 miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.
ACT 4:36 Yoosef namni gosa Lewwii kan Qophiroositti dhalate, inni ergamoonni Barnaabaas jedhaniin tokkos achi ture. Barnaabaas jechuun “ilma jajjabinaa” jechuu dha.
ACT 4:37 Innis lafa qotiisaa ofii isaa gurguree horii isaa fidee miilla ergamootaa bira kaaʼe.
ACT 5:1 Namni Anaaniyaas jedhamu tokko niitii isaa Safiiraa wajjin lafa gurgurate.
ACT 5:2 Innis utuma niitiin isaa beektuu horii sana irraa gartokko ofii isaatii hambifatee kan hafe immoo geessee miilla ergamootaa bira kaaʼe.
ACT 5:3 Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute?
ACT 5:4 Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.”
ACT 5:5 Anaaniyaasis yommuu waan kana dhagaʼetti kufee duʼe. Warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman.
ACT 5:6 Dargaggoonnis dhufanii, reeffa isaa kafanan; gad baasaniis isa awwaalan.
ACT 5:7 Gara saʼaatii sadii booddee niitiin isaa utuu waan taʼe hin beekin dhuftee ol seente.
ACT 5:8 Phexrosis, “Gatiin isin Anaaniyaas wajjin lafa gurgurattan sana irraa argattan kanumaa? Mee natti himi!” jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Eeyyee kanuma” jette.
ACT 5:9 Phexrosis, “Isin akkam Hafuura Gooftaa qoruuf walii galuu dandeessan? Ilaa! miilli warra dhirsa kee awwaalanii balbala dura gaʼeera; sis gad si baasu” jedheen.
ACT 5:10 Isheenis yeruma sana miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sunis ol seenanii reeffa ishee argan; gad baasaniis dhirsa ishee biratti ishee awwaalan.
ACT 5:11 Waldaan kiristaanaa hundi, warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman.
ACT 5:12 Ergamoonnis mallattoo fi dinqii baayʼee uummata gidduutti hojjetan. Amantoonni hundinuus iddoo gardaafoo Solomoon jedhamutti walitti qabamu turan.
ACT 5:13 Warra hafan keessaa namni tokko iyyuu isaanitti dabalamuuf ija hin jabaanne, uummanni garuu akka malee isaan ulfeessa ture.
ACT 5:14 Hamma duraa caalaas dhiironnii fi dubartoonni hedduun Gooftaatti amananii amantootatti dabalaman.
ACT 5:15 Kanaafis akka yommuu Phexros achiin darbutti gaaddiddumti isaa iyyuu isaan keessaa tokko tokko irra buʼuuf jedhanii namoonni dhukkubsattoota karaatti baasanii siree fi itillee irra ciciibsan.
ACT 5:16 Namoonnis magaalaawwan naannoo Yerusaalem jiran keessaa warra dhukkubsatanii fi warra hafuura xuraaʼaan dhiphatan fidanii achitti wal gaʼan; warri geeffaman hundinuus ni fayyifaman.
ACT 5:17 Lubni ol aanaanii fi miseensonni garee Saduuqotaa warri isa wajjin turan hundinuu hinaaffaan guutaman.
ACT 5:18 Isaanis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataa keessa buusan.
ACT 5:19 Garuu ergamaan Gooftaa tokko halkaniin balbala mana hidhaa banee gad isaan baase.
ACT 5:20 Innis, “Dhaqaa mana qulqullummaa keessa dhadhaabadhaatii, dubbii jireenya haaraa kana hunda isaa uummatatti himaa” jedheen.
ACT 5:21 Isaanis akkuma isaanitti himame sanatti ganama barii mana qulqullummaa seenanii uummata barsiisuu jalqaban. Lubni ol aanaanii fi warri isa wajjin turan yommuu achi gaʼanitti waldaa Yihuudootaatii fi yaaʼii maanguddoota Israaʼel walitti waaman; akka ergamoota sana fidaniifis mana hidhaatti namoota ergan.
ACT 5:22 Qondaaltonni ergaman sun garuu yommuu mana hidhaa gaʼanitti jara achitti hin arganne; kanaafis deebiʼanii,
ACT 5:23 “Mana hidhaa sana isaa sirriitti qollofamee jiru, eegdotas, utuu isaan balbala dura dhaabatanii jiranuu argine; yeroo bannetti garuu nama tokko illee achi keessatti hin arganne” jedhan.
ACT 5:24 Ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi luboonni hangafoonni yommuu oduu kana dhagaʼanitti dinqifachuudhaan waan jedhan wallaalanii, “Maaltu dhalate immoo?” jedhan.
ACT 5:25 Yommus namichi tokko dhufee, “Jarri isin mana hidhaatti galchitan sun kunoo, mana qulqullummaa keessa dhadhaabatanii uummata barsiisaa jiru!” jedhe.
ACT 5:26 Kana irratti ajajaan sun qondaaltota wajjin dhaqee ergamoota sana fide; isaanis sababii uummanni dhagaan nu tuma jedhanii sodaataniif humnatti hin fayyadamne.
ACT 5:27 Ergamootas fidanii, akka lubni ol aanaan isaan qoruuf fuula yaaʼii Yihuudootaa dura isaan dhadhaabachiisan.
ACT 5:28 Lubichi ol aanaanis, “Nu akka isin maqaa kanaan hin barsiisne jabeessinee isin ajajnee turre; isin garuu barsiisa keessaniin Yerusaalem guuttaniirtu; akka nu itti gaafatamtoota dhiiga namicha kanaa taanu nu gochuu barbaaddu” jedhe.
ACT 5:29 Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna!
ACT 5:30 Yesuus isa isin fannoo irratti fanniftanii ajjeeftan sana Waaqni abbootii keenyaa warra duʼan keessaa isa kaaseera.
ACT 5:31 Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe.
ACT 5:32 Nu dhuga baatota waan kanaa ti; akkasumas Hafuurri Qulqulluun Waaqni warra isaaf ajajamaniif kenne sun dhuga baʼaa waan kanaa ti.”
ACT 5:33 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aariidhaan guggubatanii ergamoota ajjeesuuf mariʼatan.
ACT 5:34 Fariisichi Gamaaliyaal jedhamu, barsiisaan seeraa kan namni hundi kabaju tokko garuu waldaa Yihuudootaa keessa dhaabatee akka ergamoonni sun yeroof gad baafaman ajaje.
ACT 5:35 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, waan jara kana gochuuf deemtan keessatti of eeggadhaa.
ACT 5:36 Bara dheeraan dura Toyidaas akka waan nama guddaa taʼeetti of ilaalee kaanaan namoonni gara dhibba afuriitti hedaman isa faana buʼan; inni ni ajjeefame; duuka buutonni isaa ni bittinneeffaman; akkasumaan badanis.
ACT 5:37 Namicha kana booddee immoo Yihuudaan, namni Galiilaa bara lakkoobsa sabaa keessa kaʼee nama baayʼee ofitti kutate; innis ni ajjeefame; warri isa faana buʼanis ni bittinnaaʼan.
ACT 5:38 Kanaafuu dubbii kana keessatti ani isinittin hima; namoota kana gad dhiisaa! Haa deemani! Mariin isaanii yookaan hojiin isaanii kun yoo waan nama irraa dhufe taʼe ni bada.
ACT 5:39 Yoo waan Waaqa irraa dhufe taʼe garuu jara kana dhowwuu hin dandeessan; isin mataan keessan iyyuu akka utuu Waaqaan wal loltanuu hin argamne of eeggadhaa!”
ACT 5:40 Isaanis gorsa isaa fudhatan; ergamoota sanas ol waamanii garafan; akka isaan maqaa Yesuusiitiin waa hin dubbannes ajajanii gad isaan dhiisan.
ACT 5:41 Ergamoonnis akka maqaa sanaaf jedhanii qaanaʼaniif waan gaʼumsa argataniif akka malee gammadaa fuula waldaa duraa deeman.
ACT 5:42 Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti, mana namaattis utuu gargar hin kutin akka Yesuus Kiristoos taʼe barsiisaa, lallabaas turan.
ACT 6:1 Bara sana keessa yommuu baayʼinni barattootaa dabalamaa deemetti Yihuudoonni Giriikota keessa jiraatan Ibrootatti guunguman; haadhonni hiyyeessaa Yihuudootaa nyaata guyyaa guyyaan hiramu keessatti hacuucamanii turaniitii.
ACT 6:2 Kanaaf ergamoonni kudha lamaan barattoota hunda walitti qabanii akkana jedhaniin; “Maaddii tajaajiluuf jennee dubbii Waaqaa barsiisuu dhiisuun nuuf qajeelaa miti.
ACT 6:3 Kanaaf yaa obboloota isin namoota maqaa gaarii qaban kanneen Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutaman torba gidduu keessanii filadhaa. Nus itti gaafatama kana isaanitti kenninee,
ACT 6:4 Waaqa kadhachuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa.”
ACT 6:5 Wanni isaan jedhanis tuuta sana hunda gammachiise. Isaanis Isxifaanos namicha amantii fi Hafuura Qulqulluudhaan guutame tokko, akkasumas Fiiliphoosii fi Phirookoroosin, Niiqaaroonaa fi Xiimoonaa, Pharmeenaa fi Niqoolaas namicha Anxookiiyaa isa amantii Yihuudootaatti gale sana filatan.
ACT 6:6 Isaanis jara kana fuula ergamootaa dura dhaaban; ergamoonnis Waaqa kadhataniifii harka isaan irra kaaʼan.
ACT 6:7 Dubbiin Waaqaa ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman.
ACT 6:8 Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqaatiin guutamee dinqii fi mallattoo gurguddaa namoota gidduutti hojjette.
ACT 6:9 Miseensonni mana sagadaa warra, “Namoota bilisooman” jedhamanii, jechuunis Yihuudoonni Qareenaa fi Iskindiriyaadhaa dhufan akkasumas Yihuudoonni Kiilqiyaa fi Asiyaadhaa dhufan tokko tokko Isxifaanosiin mormuu jalqaban.
ACT 6:10 Isaan garuu ogummaa isaa yookaan Hafuura Qulqulluu inni ittiin dubbatu sanaan mormuu hin dandeenye.
ACT 6:11 Kanaafuu akka isaan, “Nu utuu Isxifaanos Musee fi Waaqa irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra” jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan.
ACT 6:12 Isaanis uummata, maanguddootaa fi barsiistota seeraa kakaasan. Isxifaanosiinis qabanii fuula waldaa Yihuudootaa duratti isa dhiʼeessan.
ACT 6:13 Dhuga baatota sobduus qopheeffatan; isaanis akkana jedhan; “Namichi kun iddoo qulqulluu kanaa fi seeraan mormuu takkumaa hin dhiifne.
ACT 6:14 Nu isaa, ‘Yesuus namni Naazreeti kun iddoo kana ni diiga; seera Museen nuu kennes ni geeddara’ jedhu dhageenyeerra.”
ACT 6:15 Warri waldaa sana keessa turan hundi ija babaasanii Isxifaanosin ilaalanii akka fuuli isaa akkuma fuula ergamaa Waaqaa taʼe argan.
ACT 7:1 Lubni ol aanaanis, “Wanni kun dhugumaa?” jedhee isa gaafate.
ACT 7:2 Innis akkana jedhee deebise; “Yaa obbolootaa fi yaa abbootii, mee na dhagaʼaa! Waaqni ulfinaa, yeroo abbaan keenya Abrahaam Mesophotaamiyaa turetti, utuu inni biyya Kaaraan hin dhaqin isatti mulʼate.
ACT 7:3 Waaqnis, ‘Biyya keetii fi saba kee dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi’ jedheen.
ACT 7:4 “Innis biyya Kaldootaatii baʼee dhaqee Kaaraan keessa jiraate. Erga abbaan isaa duʼe immoo Waaqni achii isa baasee biyya isin amma keessa jiraattan kanatti isa erge.
ACT 7:5 Taʼus Waaqni dhaala tokko illee, lafa taakkuu tokkittii illee biyya sana keessatti hin kennineef; garuu Waaqni akka Abrahaamii fi sanyii isaa warra isaan booddeetiif biyya sana akkuma qabeenyaatti kennuuf waadaa galeef. Abrahaam yeroo sana ijoollee tokko illee hin qabu ture.
ACT 7:6 Waaqni akkana jedhee karaa kanaan isatti dubbate; ‘Sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼa; waggaa dhibba afuris ni garboomfama; ni cunqurfamas.’
ACT 7:7 Waaqni akkana jedhe; ‘Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan biyya sanaa baʼanii lafa kanatti na waaqeffatu.’
ACT 7:8 Waaqnis kakuu dhagna qabaa Abrahaamiif kenne; Abrahaamis abbaa Yisihaaq taʼee guyyaa saddeettaffaatti dhagna isa qabe; Yisihaaqis ergasii abbaa Yaaqoob taʼe; Yaaqoob immoo abbaa abbootii gosoota kudha lamaanii taʼe.
ACT 7:9 “Abbootiin sunis waan Yoosefitti hinaafaniif akka inni biyya Gibxitti garba taʼuuf isa gurguran; Waaqni garuu isa wajjin ture;
ACT 7:10 rakkina isaa hunda keessaa isa baase; Waaqnis fuula Faraʼoon mooticha Gibxi duratti ulfinaa fi ogummaa Yoosefiif kenne; Faraʼoonis biyya Gibxii fi mana mootummaa isaa hunda irratti bulchaa isa godhe.
ACT 7:11 “Baruma sana biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan hundatti beelli buʼee rakkina guddaa fide; abbootiin keenyas waan nyaatan tokko illee argachuu hin dandeenye.
ACT 7:12 Yaaqoobis akka Gibxi keessa midhaan jiru dhageenyaan yeroo jalqabaatiif abbootii keenya achi erge.
ACT 7:13 Imala isaanii lammaffaa irrattis Yoosef eenyummaa isaa obboloota isaatti hime; Faraʼoonis waaʼee obboloota Yoosef beeke.
ACT 7:14 Yoosefis ergasii nama ergee abbaa isaa Yaaqoobii fi maatii isaa hunda jechuunis walumatti qabaatti nama 75 waamsise.
ACT 7:15 Yaaqoobis Gibxitti gad buʼe; innis, abbootiin keenyas achitti duʼan.
ACT 7:16 Reeffi isaaniis Sheekemitti geeffamee lafa awwaalaa kan Abrahaam ijoollee Hamoori irraa horii wayiitiin bitee ture sanatti awwaalame.
ACT 7:17 “Akkuma yeroon waadaa Waaqni Abrahaamiif gale sun itti raawwatamu dhiʼaachaa dhufeen baayʼinni saba keenyaa Gibxi keessatti akka malee guddate.
ACT 7:18 Ergasii ‘Mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe.’
ACT 7:19 Innis akka malee saba keenya cunqurse; abbootii keenyas akka daaʼimman isaanii dhumaniif akka isaan gad gatan dirqisiise.
ACT 7:20 “Yeroon Museen dhalates yeruma kana ture; innis fuula Waaqaa duratti miidhagaa ture; jiʼa sadiifis mana abbaa isaatti kunuunfamee guddate.
ACT 7:21 Yommuu inni alatti gatametti intalli Faraʼoon fudhattee akka ilma isheetti isa guddifatte.
ACT 7:22 Museen ogummaa warra Gibxi hunda barate; innis dubbii isaatii fi hojii isaatiin jabaa ture.
ACT 7:23 “Museen yommuu umuriin isaa waggaa 40 guutetti dhaqee obboloota isaa ijoollee Israaʼel ilaaluu murteesse.
ACT 7:24 Museenis utuu namni Gibxi tokko nama isaanii tokko miidhuu arge. Kanaafis nama isaanii gargaaruu dhaqee namicha Gibxi sana ajjeesuun haaloo baaseef.
ACT 7:25 Museen waan sabni isaa akka Waaqni karaa isaatiin saba Israaʼel furu hubatu seʼee ture; sabni sun garuu hin hubanne.
ACT 7:26 Guyyaa itti aanutti immoo utuu namoonni Israaʼel lama wal lolanuu itti dhufee, ‘Jarana, isin obboloota walii ti; yoos maaliif wal miitu ree?’ jedhee walitti araarsuu yaale.
ACT 7:27 “Namichi hiriyaa isaa miidhaa ture sun garuu Musee achi of irraa darbatee akkana jedhe; ‘Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe?
ACT 7:28 Akkuma kaleessa namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?’
ACT 7:29 Museenis waan kana dhageenyaan biyya Midiyaanitti baqatee galtuu taʼee achi jiraate; achittis ilmaan lama dhalche.
ACT 7:30 “Erga waggaan afurtamni darbee booddees ergamaan Waaqaa tokko gammoojjii naannoo Tulluu Siinaa keessatti daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan Museetti mulʼate.
ACT 7:31 Innis waan kana arginaan waan arge sana dinqifate. Yommuu ilaaluuf itti dhiʼaatettis sagalee Gooftaa dhagaʼe.
ACT 7:32 Sagaleen sunis, ‘Ani Waaqa abbootii keetii, Waaqa Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob’ jedheen. Museenis ni hollate; ilaaluus ni sodaate.
ACT 7:33 “Gooftaan immoo akkana jedheen; ‘Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu.
ACT 7:34 Ani akka sabni koo biyya Gibxi keessatti cunqurfamaa jiru dhugumaan argeera; booʼicha isaaniis dhagaʼee isaan bilisoomsuuf jedhee gad buʼeera; egaa kottu Gibxittin deebisee si ergaatii.’
ACT 7:35 “Namni isaan, ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii si godhe?’ jedhanii tuffatan sun Museedhuma kana. Isas Waaqni akka inni bulchaa fi furaa isaanii taʼuuf harka ergamaa Waaqaa kan daggala keessaan isatti mulʼate sanaatiin erge.
ACT 7:36 Innis Gibxi keessatti, galaana diimaa irratti akkasumas waggaa 40 gammoojjii keessatti dinqii fi mallattoo hojjechaa Gibxi keessaa isaan baase.
ACT 7:37 “Museen kun isuma saba Israaʼeliitiin, ‘Waaqni sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa’ jedhe sanaa dha.
ACT 7:38 Innis, Ergamaa Waaqaa kan Tulluu Siinaa irratti isatti dubbate sanaa fi abbootii keenya wajjin gammoojjii keessatti waldaa keessa ture; dubbii jiraataas nutti kennuuf fudhate.
ACT 7:39 “Abbootiin keenya garuu isaaf ajajamuu didan; qooda ajajamuu isa tuffatanii garaa isaaniitiinis gara Gibxitti deebiʼan.
ACT 7:40 Arooniinis, ‘Waaqota nu dura deeman nuu tolchi; Museen Gibxii nu baase sun maal akka taʼe hin beeknuutii!’ jedhan.
ACT 7:41 Yeroon isaan Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin qopheeffatanis baruma sana; isaanis Waaqa sanaaf aarsaa dhiʼeessanii waanuma harka isaaniitiin tolfame sanaaf ayyaana ulfinaa ayyaaneffatan.
ACT 7:42 Waaqni garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota samii irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba raajotaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha; “ ‘Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
ACT 7:43 Isin fakkii waaqota waaqeffachuuf tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii fi urjii waaqa keessan Reefaan ol qabdaniirtu. Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.’
ACT 7:44 “Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Waaqni akka Museen akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture.
ACT 7:45 Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Waaqni isaan duraa ariʼee baase sanaatti Iyyaasuu wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawitiitti biyya sana ture.
ACT 7:46 Daawitis fuula Waaqaa duratti fudhatama argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate.
ACT 7:47 Garuu kan mana sana ijaareef Solomoon ture.
ACT 7:48 “Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha:
ACT 7:49 “ ‘Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree? jedha Gooftaan. Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
ACT 7:50 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’
ACT 7:51 “Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.
ACT 7:52 Raajiin abbootiin keessan hin ariʼatin tokko iyyuu jiraa? Isaan warra duraan dursanii dhufaatii isa qajeelaa sanaa himan illee ni ajjeesan; isinis amma isa dabarsitanii kennitanii ajjeeftaniirtu;
ACT 7:53 warri karaa ergamoota Waaqaatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma.”
ACT 7:54 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti aariin guggubatanii isatti ciniinnatan.
ACT 7:55 Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluun guutamee gara samii ol ilaalee ulfina Waaqaatii fi Yesuusinis isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru arge.
ACT 7:56 Innis, “Ani kunoo samiin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru nan arga” jedhe.
ACT 7:57 Kana irratti isaan hundi gurra isaanii qabatanii sagalee guddaan iyyaa isatti girrisan.
ACT 7:58 Magaalaa keessaas gad isa baasanii dhagaan isa tumuu jalqaban. Yeroo sana dhuga baatonni uffata isaanii miilla dargaggeessa Saaʼol jedhamu tokkoo jala kaaʼatan.
ACT 7:59 Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate.
ACT 7:60 Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!” jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe.
ACT 8:1 Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture. Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan.
ACT 8:2 Namoonni Waaqa sodaatanis Isxifaanosin awwaalan; booʼicha guddaas booʼaniif.
ACT 8:3 Saaʼol garuu waldaa kiristaanaa balleessuu jalqabe; innis mana tokko irraa gara mana biraa dhaqee dhiiraa fi dubartii lafa irra harkisee mana hidhaatti galchaa ture.
ACT 8:4 Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban.
ACT 8:5 Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Kiristoos lallabe.
ACT 8:6 Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan.
ACT 8:7 Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan.
ACT 8:8 Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe.
ACT 8:9 Garuu yeroo sanaan dura namichi Simoon jedhamu tokko magaalaa sana keessatti falfala hojjetee namoota Samaariyaa hunda dinqisiisaa ture; innis akka waan nama guddaa taʼeetti of hedaa ture.
ACT 8:10 Namoonni hundinuu xinnaa guddaan qalbii isaanii gara isaatti deebifatanii, “Namichi kun humna Waaqaa isa ‘humna guddaa’ jedhamu sanaa dha” jedhanii isa saadan.
ACT 8:11 Namoonni sunis sababii inni yeroo dheeraa falfala isaatiin isaan dinqisiiseef qalbii isaanii gara isaatti deebifatan.
ACT 8:12 Garuu yommuu Fiiliphoos wangeela waaʼee mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoos lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman.
ACT 8:13 Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.
ACT 8:14 Ergamoonni Yerusaalem turan akka warri Samaariyaa dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼanii Phexrosii fi Yohannisin isaanitti ergan.
ACT 8:15 Ergamoonni sunis yommuu achi gaʼanitti akka isaan Hafuura Qulqulluu argataniif ni kadhataniif;
ACT 8:16 Hafuuri Qulqulluun isaan keessaa nama tokko irra illee hin buune tureetii; isaan maqaa Gooftaa Yesuus qofaan cuuphamanii turan.
ACT 8:17 Phexrosii fi Yohannis harka isaanii jara sana irra kakaaʼan; isaanis Hafuura Qulqulluu argatan.
ACT 8:18 Simoon falfaltichis akka yeroo ergamoonni harka isaanii nama irra kaaʼan Hafuurri Qulqulluun namaa kennamu arginaan ergamootaaf horii kennee,
ACT 8:19 “Akka namni ani harka irra kaaʼu hundi Hafuura Qulqulluu argatuuf dandeettii kana anaaf illee kennaa” jedheen.
ACT 8:20 Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; “Sababii ati kennaa Waaqaa waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu!
ACT 8:21 Garaan kee fuula Waaqaa duratti waan qajeelaa hin taʼiniif ati tajaajila kana keessatti qooda yookaan carraa hin qabdu.
ACT 8:22 Kanaaf hammina kee kana irraa deebiʼiitii gooftaa kadhadhu; inni yaada garaa keetii kana siif dhiisa taʼaatii.
ACT 8:23 Ani akka ati yaada hadhaaʼaan guutamtee fi akka ati garbicha cubbuu taate nan arga.”
ACT 8:24 Simoonis, “Akka wanni isin jettan kun tokko iyyuu narra hin geenyeef Gooftaa naa kadhadhaa” jedhee deebise.
ACT 8:25 Phexrosii fi Yohannis erga dhugaa baʼanii dubbii Gooftaas labsanii booddee gandoota Samaariyaa hedduu keessatti wangeela lallabaa Yerusaalemitti deebiʼan.
ACT 8:26 Ergamaan Gooftaa tokko Fiiliphoosiin, “Kaʼiitii karaa Kibbaatiin gara daandii Yerusaalemii baʼee Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi” jedhe; daandiin sunis daandii gammoojjii ti.
ACT 8:27 Innis kaʼee deeme; karaa isaa irrattis xuʼaashii Itoophiyaa tokko jechuunis qondaalticha Kandakee mootittii saba Itoophiyaa kan qabeenya ishee hunda irratti itti gaafatamaa taʼe arge; qondaalli sun sagaduuf jedhee Yerusaalem dhaqee ture.
ACT 8:28 Innis yeroo biyya isaatti deebiʼu gaarii isaa irra taaʼee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifachaa ture.
ACT 8:29 Hafuurri Qulqulluunis Fiiliphoosiin, “Dhaqiitii gaarii sanatti dhiʼaadhu” jedhe.
ACT 8:30 Fiiliphoosis gaarii sanatti fiigee utuu namichi sun kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifatuu dhagaʼee, “Ati waan dubbiftu kana ni hubattaa?” jedhee gaafate.
ACT 8:31 Namichis, “Yoo namni naa hin ibsin ani akkamiin hubachuu dandaʼa?” jedhe. Innis akka Fiiliphoos ol baʼee isa bira taaʼuuf waammate.
ACT 8:32 Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, yookaan akkuma ilmoo hoolaa kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
ACT 8:33 Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame; eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa? Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii.”
ACT 8:34 Xuʼaashiin sunis Fiiliphoosiin, “Raajiin sun waaʼee eenyuu dubbata? Waaʼee mataa isaa moo waaʼee nama biraa ti? Maaloo mee natti himi!” jedhee gaafate.
ACT 8:35 Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Yesuus isatti hime.
ACT 8:36 Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, “Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?” jedheen. [
ACT 8:37 Fiiliphoosis, “Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa” jedheen. Namichis deebisee, “Akka Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa taʼe ani nan amana” jedhe.]
ACT 8:38 Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe.
ACT 8:39 Yommuu isaan bishaan keessaa baʼanittis Hafuurri Gooftaa Fiiliphoosin fudhate; xuʼaashiin sunis ergasii isa hin argine; garuu gammadaa karaa isaa itti fufe.
ACT 8:40 Fiiliphoos immoo Azooxoonitti argame; innis hamma Qiisaariyaa gaʼutti magaalaawwan hunda keessatti wangeela lallabaa darbe.
ACT 9:1 Gidduudhuma sana Saaʼol barattoota Gooftaa ajjeesuuf dhaadachaa gara luba ol aanaa dhaqee,
ACT 9:2 nama karaa kana irra jiru kam iyyuu dhiiras dubartiis yoo argate akka hidhee Yerusaalemitti geessuuf akka lubni sun gara manneen sagadaa kanneen Damaasqoo jiraniitti xalayaawwan isaaf barreessuuf isa kadhate.
ACT 9:3 Utuu inni deemaa jiruu akkuma Damaasqootti dhiʼaateen akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqise.
ACT 9:4 Innis lafatti kufee sagalee, “Yaa Saaʼol, Yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta?” isaan jedhu tokko dhagaʼe.
ACT 9:5 Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate. Innis akkana jedhee deebiseef; “Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha. Arfii wayii dhiituun suma miidha.
ACT 9:6 Amma kaʼii magaalaa seeni; wanni ati gootu sitti himamaatii” jedheen.
ACT 9:7 Namoonni Saaʼol wajjin deemaa turanis waan dubbatan dhabanii dhadhaabatan; isaanis sagalee dhagaʼan malee nama tokko illee hin argine.
ACT 9:8 Saaʼolis lafaa kaʼe; innis yommuu iji isaa banametti homaa arguu hin dandeenye; isaanis harka isaa qabanii Damaasqootti isa geessan.
ACT 9:9 Iji isaas Guyyaa sadii guutuu arguu hin dandeenye; innis homaa hin nyaanne; homaas hin dhugne.
ACT 9:10 Damaasqoo keessa barataa Anaaniyaas jedhamu tokkotu ture. Gooftaanis mulʼataan, “Yaa Anaaniyaas!” jedhee isa waame. Innis, “Yaa Gooftaa, kunoo ani asin jira” jedhee deebise.
ACT 9:11 Gooftaanis akkana jedheen; “Kaʼii gara daandii ‘Qajeelaa’ jedhamu sanaa mana Yihuudaa dhaqiitii nama Saaʼol jedhamu kan Xarseesii dhufe tokko iyyaafadhu; inni kadhannaa irra jiraatii.
ACT 9:12 Saaʼolis nama Anaaniyaas jedhamu tokko isaa dhufee akka agartuun isaa deebiʼuufiif harka isa irra kaaʼu mulʼataan arge.”
ACT 9:13 Anaaniyaasis deebisee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ani waaʼee namicha kanaa, miidhaa inni qulqulloota kee warra Yerusaalem jiraatan irratti hojjete hundumaa dhagaʼeera.
ACT 9:14 Ammas warra maqaa kee waammatan hunda hidhuuf jedhee luboota hangafoota irraa aangoo fudhatee dhufeera.”
ACT 9:15 Gooftaan garuu Anaaniyaasiin akkana jedhe; “Namichi kun miʼa koo kan ani akka inni namoota Ormaatii fi mootota isaanii duratti, saba Israaʼel durattis maqaa koo baatuuf jedhee filadhe waan taʼeef kaʼii dhaqi!
ACT 9:16 Ani akka inni maqaa kootiif jedhee rakkachuu qabu isattin argisiisa.”
ACT 9:17 Anaaniyaasis dhaqee mana sana seene. Harka isaas Saaʼol irra kaaʼee, “Yaa obboleessa koo Saaʼol, Gooftaa Yesuus inni utuu ati as dhuftuu karaa irratti sitti mulʼate sun akka ati argituu fi akka ati Hafuura Qulqulluun guutamtuuf na ergeera” jedhe.
ACT 9:18 Yommusuma wanni akka qolaa ija Saaʼol irraa harcaʼe; inni ammas arguu dandaʼe. Kaʼees cuuphame.
ACT 9:19 Nyaatas nyaatee jajjabaate. Saaʼol bultii gabaabduudhaaf barattoota Damaasqoo jiran bira bubbule.
ACT 9:20 Innis akka Yesuus ilma Waaqaa taʼe yeruma sana manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe.
ACT 9:21 Warri isa dhagaʼan hundinuus dinqifatanii akkana jedhan; “Namichi kun isuma Yerusaalem keessatti warra maqaa kana waammatan balleesse sana mitii? Ammas hidhee luboota hangafootatti isaan geessuuf dhufe mitii?”
ACT 9:22 Saaʼol garuu ittuma jabaachaa deeme; innis akka Yesuus kun Kiristoos taʼe mirkaneessuudhaan Yihuudoota Damaasqoo keessa jiraatan afaan qabachiise.
ACT 9:23 Erga guyyaan hedduun darbee booddees Yihuudoonni isa ajjeesuuf mariʼatan.
ACT 9:24 Saaʼol garuu marii isaanii kana beeke; isaanis isa ajjeesuuf jedhanii halkanii guyyaa balbala magaalaa sanaa jabeessanii eegaa turan.
ACT 9:25 Barattoonni isaa garuu halkaniin fuudhanii guuboodhaan dallaa irraan dabarsanii gad isa buusan.
ACT 9:26 Innis yommuu gara Yerusaalem dhufetti barattootatti dabalamuu yaale; isaanis waan barataa taʼuu isaa hin amaniniif hundi isaanii isa sodaatan.
ACT 9:27 Barnaabaas immoo fuudhee ergamootatti isa geesse; akka Saaʼol itti karaatti gooftaa arge, akka itti gooftaan isatti dubbatee fi akka inni sodaa malee Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin lallabe isaanitti hime.
ACT 9:28 Saaʼolis isaan wajjin jiraatee Yerusaalem keessa sodaa malee baʼee galaa ture; maqaa Gooftaatiinis ija jabinaan lallabe.
ACT 9:29 Yihuudoota Giriikota keessa jiraatan wajjinis dubbachaa isaaniinis morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu barbaadan.
ACT 9:30 Obboloonnis yommuu waan kana beekanitti fuudhanii Qiisaariyaatti gad isa buusan; gara Xarsees isa ergan.
ACT 9:31 Kanaafis waldaan kiristaanaa Yihuudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessa jirtu guutummaatti nagaa argatte; ni cimtes. Isheenis Hafuura Qulqulluudhaan jajjabaatee sodaa Gooftaatiin jiraachuudhaan baayʼinaan guddachaa deemte.
ACT 9:32 Phexros utuu biyya sana keessa naannaʼaa jiruu qulqulloota Liidaa keessa jiraatan ilaaluuf gad buʼe.
ACT 9:33 Achittis namicha laamshaʼaa Eeniyaa jedhamu kan waggaa saddeeti siree irratti hafee ture tokko arge.
ACT 9:34 Phexrosis, “Yaa Eeniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyisa; kaʼiitii siree kee afadhu” jedheen. Eeniyaanis yommusuma kaʼe.
ACT 9:35 Namoonni Liidaa fi Shaaroon keessa jiraatan hundinuu isa arganii Gooftaatti deebiʼan.
ACT 9:36 Yoophee keessas barattuu Xaabiitaa jedhamtu tokkotu ture; Xaabiitaa jechuun Doorqaa jechuu dha. Isheenis yeroo hunda waan gaarii hojjetti; hiyyeeyyiis ni gargaarti turte.
ACT 9:37 Isheenis baruma sana keessa dhukkubsattee duute; reeffa ishees dhiqanii kutaa darbii tokko keessa kaaʼan.
ACT 9:38 Liidaan kun Yoopheetti dhiʼoo turte; barattoonnis yommuu akka Phexros Liidaa jiru dhagaʼanitti nama lama isatti erganii, “Maaloo dafii nu bira gaʼi!” jedhanii isa kadhatan.
ACT 9:39 Phexrosis kaʼee isaan wajjin deeme; akkuma inni achi gaʼeenis gara kutaa darbii sanaatti isa geessan. Haadhonni hiyyeessaa hundinuu isa bira dhaabatanii kootii fi wayyaa biraa kan Doorqaan yeroo isaan wajjin turte hojjette sana isatti argisiisanii booʼaa turan.
ACT 9:40 Phexrosis hunda isaanii gad baasee jilbeenfatee Waaqa kadhate; reeffa sanattis garagalee, “Xaabiitaa kaʼi!” jedhe. Isheenis ija ishee banattee Phexrosin argite; kaatees ni teesse.
ACT 9:41 Innis harka qabee ishee kaase; amantootaa fi haadhota hiyyeessaa waamee jiraattuu taatee isaan fuuldura dhaabe.
ACT 9:42 Kunis Yoophee hunda keessatti beekame; namoonni baayʼeenis Gooftaatti amanan.
ACT 9:43 Phexrosis Yoophee keessa gogaa duugduu Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu ture.
ACT 10:1 Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko Qiisaariyaa keessa ture; innis kutaa, “Humna waraana Iixaaliyaa” jedhamu keessatti ajajaa dhibbaa ture.
ACT 10:2 Qorneelewoosii fi maatiin isaa hundinuu warra Waaqaaf bulanii fi warra Waaqa sodaatan turan; innis warra rakkataniif arjummaadhaan kenna ture; yeroo hundas Waaqa kadhata ture.
ACT 10:3 Innis gaafa tokko ergamaa Waaqaa tokko isaa gara isaa dhufee, “Yaa Qorneelewoos!” jedhuun guyyaa keessaa gara saʼaatii sagaliitti ifaan ifatti mulʼataan arge.
ACT 10:4 Qorneelewoosis sodaan ija babaasee isa ilaalee, “Yaa Gooftaa, maal barbaadda?” jedhee gaafate. Ergamaan Waaqaa sun immoo akkana jedhee deebise; “Kadhannaa keetii fi kennaan ati hiyyeeyyiidhaaf kennitu aarsaa yaadachaa taʼee fuula Waaqaa duratti ol baʼeera.
ACT 10:5 Amma Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana as fichisiisi.
ACT 10:6 Innis namicha gogaa duugu kan Simoon jedhamu kan manni isaa qarqara galaanaatti argamu tokko bira jira.”
ACT 10:7 Qorneelewoosis yommuu ergamaan Waaqaa kan isatti dubbate sun deemetti tajaajiltoota isaa keessaa nama lama, warra isa eegan keessaa immoo loltuu Waaqaaf bulu tokko waamee,
ACT 10:8 waan kana hunda itti himee Yoopheetti isaan erge.
ACT 10:9 Guyyaa itti aanuttis utuu warri ergaman sun karaa jiranuu, yeroo isaan magaalaatti dhiʼaatanitti Phexros gara saʼaatii jaʼaatti kadhannaaf bantii manaatti ol baʼe.
ACT 10:10 Innis beelaʼee waan nyaatu barbaade; utuu isaan qopheessaafii jiranuus akka waan yaadaan fudhatamee taʼe.
ACT 10:11 Samii banamee fi waan akka wayyaa balʼaa tokkos isaa roga isaa afraniin qabamee lafatti gad buufamu arge.
ACT 10:12 Wayyaan sunis bineensota miilla afurii, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii kanneen gosa hundaa of keessaa qaba ture.
ACT 10:13 Sagaleen tokkos, “Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu” jedheen.
ACT 10:14 Phexros garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, hin taʼu! Ani takkumaa waan balfamaa yookaan waan xuraaʼaa hin nyaanne” jedhe.
ACT 10:15 Sagaleen sunis yeroo lammaffaa, “Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin” jedheen.
ACT 10:16 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; wayyaan sunis yommusuma deebiʼee samiitti ol fudhatame.
ACT 10:17 Utuu Phexros waaʼee hiikkaa mulʼata sanaa dinqisiifachaa jiruus namoonni Qorneelewoos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii karra dura dhaabatan.
ACT 10:18 Isaanis lallabanii, “Simoon inni Phexros jedhamu tokko as jiraa?” jedhanii gaafatan.
ACT 10:19 Ammas utuu Phexros waaʼee mulʼata sanaa yaadaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun akkana isaan jedhe; “Yaa Simoon, kunoo namoonni sadii si barbaaduutti jiru.
ACT 10:20 Kaʼiitii gad buʼi. Isaan wajjin deemuus hin shakkin; anatu isaan ergeetii.”
ACT 10:21 Phexrosis gara namoota sanaatti gad buʼee, “Namni isin barbaadaa jirtan ana; maaliif dhuftani?” jedheen.
ACT 10:22 Jarri sunis akkana jedhanii deebisan; “Nu ajajaa dhibbaa kan Qorneelewoos jedhamu tokko biraa dhufne; inni nama qajeelaa fi nama Waaqa sodaatu kan Yihuudoota hunda birattis kabajamuu dha; ergamaan Waaqaa qulqulluun tokko akka inni mana isaatti si waamsisee waan ati jettu dhagaʼuuf isatti dubbate.”
ACT 10:23 Phexrosis namoota sana manatti ol galchee keessumsiise. Guyyaa itti aanutti Phexros kaʼee isaan wajjin deeme; obboloonni tokko tokkos Yoopheedhaa kaʼanii isa wajjin deeman.
ACT 10:24 Isaanis guyyaa itti aanu Qiisaariyaatti galan; Qorneelewoosis firoota isaatii fi michoota isaa warra isatti dhiʼaatan walitti waamee isaan eegaa ture.
ACT 10:25 Akkuma Phexros mana seeneen Qorneelewoos isa simatee isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irratti kufe.
ACT 10:26 Phexros garuu, “Kaʼi! Anis namumaatii” jedhee ol isa qabe.
ACT 10:27 Phexrosis isa wajjin dudubbachaa mana seenee namoota walitti qabaman hedduu arge.
ACT 10:28 Innis akkana isaaniin jedhe; “Akka Yihuudiin tokko nama ormaa wajjin tokkummaa qabaachuu fi itti dhiʼaachuun seera keenya hin taʼin isin mataan keessan iyyuu beektu; garuu Waaqni akka ani nama tokkoonuu jibbamaa yookaan xuraaʼaa hin jenne natti argisiiseera.
ACT 10:29 Kanaaf yommuu isin nama natti ergitanitti ani mormii tokko malee dhufe; egaa waan isin na waamtaniif beekuu nan barbaada.”
ACT 10:30 Qorneelewoosis akkana jedhee deebise: “Bultii afuriin dura, saʼaatiidhuma kanatti, ani saʼaatii sagalitti mana kootti kadhachaan ture. Akkuma tasaa namichi wayyaa adii qaanqee uffatu tokko na dura dhaabatee
ACT 10:31 akkana jedhe; ‘Yaa Qorneelewoos, Waaqni kadhannaa kee dhagaʼeera; kennaa ati hiyyeeyyiif kennitus yaadateera.
ACT 10:32 Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi. Inni mana Simoon namicha gogaa duugu kan qarqara galaanaa jiraatu sanaa jira.’
ACT 10:33 Kanaaf ani yeruma sana nama ergeen si waamsise; atis baga dhufte. Egaa nu hundinuu waan akka ati nutti himtu Gooftaan si ajaje hunda dhagaʼuuf jennee as fuula Waaqaa dura jirra.”
ACT 10:34 Phexrosis akkana jedhee dubbachuu jalqabe; “Ani amma akka Waaqni nama Wal hin caalchifne dhugumaan nan hubadha.
ACT 10:35 Garuu saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi namni waan qajeelaa hojjetu kam iyyuu fuula isaa duratti fudhatamaa dha.
ACT 10:36 Isin ergaa Waaqni karaa Yesuus Kiristoosiin nagaa labsuudhaan saba Israaʼelitti erge sana beektu; Yesuus Kiristoos kun Gooftaa waan hundaa ti.
ACT 10:37 Isin waan Cuuphaa Yohannis lallabee booddee Galiilaadhaa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti taʼe sana ni beektu.
ACT 10:38 Kunis akka Waaqni Yesuus nama Naazreeti sana Hafuura Qulqulluu fi humnaan dibee fi akka Yesuus waan gaarii hojjechaa fi warra humna diiyaabiloos jala turan fayyisaa biyya hunda keessa nanaannaʼee dha; Waaqni isa wajjin tureetii.
ACT 10:39 “Nus waan inni biyya Yihuudootaatii fi Yerusaalem keessatti hojjete hundaaf dhuga baatota. Isaanis fannoo irratti fannisanii isa ajjeesan.
ACT 10:40 Waaqni immoo guyyaa sadaffaatti warra duʼan keessaa isa kaase; akka inni namatti mulʼatus godhe.
ACT 10:41 Inni nama hundatti hin mulʼanne; garuu nu dhuga baatota Waaqni duraan dursee filatettii fi erga inni warra duʼan keessaa kaʼee booddee isa wajjin nyaannee dhugnetti mulʼate.
ACT 10:42 Innis akka nu namootatti lallabnuu fi akka inni nama Waaqni warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa murtii godhee muude taʼe akka dhugaa baanuuf nu ajaje.
ACT 10:43 Raajonni hundinuu akka namni isatti amanu hundi maqaa isaatiin dhiifama cubbuu argatu waaʼee isaa dhugaa baʼu.”
ACT 10:44 Utuma Phexros amma illee waan kana dubbachaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun warra dubbii sana dhagaʼaa turan hunda irra buʼe.
ACT 10:45 Amantoonni dhagna qabatan kanneen Phexros wajjin dhufan sun waan kennaan Hafuura Qulqulluu Namoota Ormaa irrati illee dhangalaʼeef ni dinqifatan;
ACT 10:46 isaan jaraa afaan haaraa dubbatanii fi Waaqas jajatan dhagaʼaniiruutii. Phexrosis akkana jedhe;
ACT 10:47 “Akka namoonni akkuma keenya Hafuura Qulqulluu argatan kunneen hin cuuphamneef namni bishaan dhowwachuu dandaʼu eenyu?”
ACT 10:48 Innis akka isaan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphaman ajaje; isaanis akka Phexros bultii xinnoo isaan bira turuuf isa kadhatan.
ACT 11:1 Ergamoonnii fi obboloonni Yihuudaa keessa jiran akka Namoonni Ormaas dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼan.
ACT 11:2 Kanaaf yommuu Phexros Yerusaalemitti ol baʼetti amantoonni dhagna qabatan isaan morman;
ACT 11:3 akkanas jedhan; “Ati maaliif mana namoota dhagna hin qabatinii dhaqxee isaan wajjin nyaatte?”
ACT 11:4 Phexrosis akkana jedhee waan taʼe sana tokko tokkoon isaanii ibsuu jalqabe.
ACT 11:5 “Ani magaalaa Yoophee keessatti kadhannaa irran ture; akka waan yaadaan fudhatamuus taʼee waan akka wayyaa balʼaa tokko isaa roga isaa afraniin qabamee samii irraa gad buufamu mulʼataan arge. Innis iddoo ani turetti gad dhufe.
ACT 11:6 Anis xiyyeeffadhee ilaalee bineensota miilla afurii, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii nan arge.
ACT 11:7 Anis sagalee, ‘Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
ACT 11:8 “Ani garuu deebisee, ‘Yaa Gooftaa, hin taʼu! Takkumaa wanni balfamaan yookaan wanni xuraaʼaan tokko iyyuu afaan koo hin seenne’ jedhe.
ACT 11:9 “Sagaleen sunis yeroo lammaffaa samii irraa, ‘Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin’ jedhe.
ACT 11:10 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; kana booddees hundumti isaa amma illee samiitti ol fudhatame.
ACT 11:11 “Yommusuma namoonni Qiisaariyaadhaa natti ergaman sadii mana ani jiraachaa ture sana dura dhaabatan.
ACT 11:12 Hafuurri Qulqulluunis akka ani shakkii tokko malee isaan wajjin deemu natti hime. Obboloonni kunneen jaʼaanis na wajjin deeman; nus mana namichaa ol seenne.
ACT 11:13 Innis akka ergamaa Waaqaa kan mana isaa keessatti itti mulʼate tokko arge nutti hime; ergamaan sunis akkana isaan jedhe; ‘Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi;
ACT 11:14 inni ergaa sii fi namoonni mana keetii hundinuu ittiin fayyitan sitti hima.’
ACT 11:15 “Akkuma ani dubbachuu jalqabeen, Hafuurri Qulqulluun akkuma jalqabatti nurra buʼe sana isaan irras buʼe.
ACT 11:16 Anis waan Gooftaan, ‘Yohannis bishaaniin cuuphe; isin garuu Hafuura Qulqulluudhaan cuuphamtu’ jedhee ture sana nan yaadadhe.
ACT 11:17 Kanaafuu erga Waaqni kennaadhuma yeroo nu gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne nuu kenne sana isaaniifis kennee Waaqaan mormuuf ani eenyu?”
ACT 11:18 Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; “Yoos Waaqni qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera” jedhanii Waaqa galateeffatan.
ACT 11:19 Warri sababii ariʼatama Isxifaanositti kaʼeetiin bittinnaaʼanii turan sun ergaa sana Yihuudoota qofatti himaa hamma Finiiqee, Qophiroosii fi Anxookiiyaatti deeman.
ACT 11:20 Isaan keessaa namoonni Qophiroosii fi Qareenaa irraa dhufan tokko tokko garuu Anxookiiyaa dhaqanii oduu gaarii waaʼee Gooftaa Yesuus Giriikotattis himuu jalqaban.
ACT 11:21 Harki Gooftaa isaan wajjin ture; namoonni hedduunis amananii Gooftaatti deebiʼan.
ACT 11:22 Oduun kunis gurra waldaa kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtuu seene; isaanis Barnaabaasin Anxookiiyaatti ergan.
ACT 11:23 Innis yommuu achi gaʼee Ayyaana Waaqaa argetti ni gammade; akka isaan garaa tokkoon Gooftaaf amanamanii jiraataniifis isaan hunda jajjabeesse.
ACT 11:24 Inni nama gaarii Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture; namoonni baayʼeenis Gooftaatti dabalaman.
ACT 11:25 Barnaabaasis Saaʼolin barbaaduuf jedhee Xarsees dhaqe;
ACT 11:26 Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, “Kiristaana” jedhaman.
ACT 11:27 Gidduudhuma sana raajonni tokko tokko Yerusaalemii kaʼanii Anxookiiyaatti gad buʼan.
ACT 11:28 Isaan keessaas namichi Agaaboos jedhamu tokko kaʼee dhaabatee akka beelli guddaan isaa addunyaa hunda irratti buʼu Hafuuraan dubbate. Wanni kunis bara moʼumsa Qilaawudewoos Qeesaar keessa taʼe.
ACT 11:29 Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan.
ACT 11:30 Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan.
ACT 12:1 Baruma sana keessa Heroodis mootichi isaan ariʼachuuf jedhee miseensota waldaa kiristaanaa tokko tokko qabe.
ACT 12:2 Innis Yaaqoob obboleessa Yohannis goraadeen ajjeese.
ACT 12:3 Yommuu akka wanni kun Yihuudoota gammachiise argettis, ittuma fufee Phexrosinis qabsiise. Wanni kunis yeroo Ayyaana Maxinoo keessa taʼe.
ACT 12:4 Erga isa qabee booddee akka isaan isa eeganiif jedhee gareewwan loltootaa afur kanneen tokkoon tokkoon isaanii loltoota afur afur of keessaa qabanitti dabarsee isa kennuudhaan, mana hidhaa keessa isa buuse; kanas ayyaana Faasiikaa booddee fuula uummataa duratti dhiʼeessee isa qoruuf godhe.
ACT 12:5 Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte.
ACT 12:6 Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan.
ACT 12:7 Akkuma tasaas, ergamaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; ergamaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, “Dafii kaʼi!” jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe.
ACT 12:8 Ergamaan Waaqaa sunis, “Uffata kee uffadhu; kophee kees kaaʼadhu” jedheen. Phexrosis akkasuma godhe. Ergamaan sunis, “Wayyaa kee marxifadhuutii na faana buʼi” jedheen.
ACT 12:9 Phexrosis isa duukaa buʼee mana hidhaatii baʼe; innis waan mulʼata argu seʼe malee akka wanni ergamaan Waaqaa hojjechaa ture sun dhugaa taʼe hin beekne.
ACT 12:10 Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu ergamaan sun isa biraa sokke.
ACT 12:11 Phexrosis qalbii isaatti deebiʼee, “Ani amma akka Gooftaan ergamaa isaa ergee harka Heroodisii fi waan Yihuudoonni natti yaadaa turan hunda jalaa na baase shakkii malee beekeera” jedhe.
ACT 12:12 Innis erga waan kana hubatee booddee mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii kadhachaa turan dhaqe.
ACT 12:13 Yommuu Phexros balbala alaa rurrukutetti intalli hojjettuun Roodaa jedhamtu tokko ilaaluu dhufte.
ACT 12:14 Isheenis yommuu sagalee Phexros hubattetti akka malee gammadde; balbala banuu dhiiftees fiigdee ol deebitee akka Phexros balbala dura dhaabatu himte.
ACT 12:15 Isaanis, “Ati maraatteerta!” jedhaniin; isheen garuu cimsitee akka wanni kun akkasuma taʼe dubbatte; isaan immoo, “Yoos ergamaa isaa ti!” jedhan.
ACT 12:16 Phexros garuu ittuma fufee balbalicha rurrukute; isaanis yommuu bananitti, isa arganii dinqifatan.
ACT 12:17 Phexrosis akka isaan calʼisaniif harkaan itti hime; akka itti Gooftaan mana hidhaatii isa baases isaanitti odeesse; innis, “Waan kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa” isaaniin jedhe; achii kaʼees lafa biraa dhaqe.
ACT 12:18 Yommuu bariʼetti raafamni guddaan isaa loltoota gidduutti uumame; isaanis, “Phexros maal taʼe?” jedhanii wal gaggaafatan.
ACT 12:19 Heroodisis cimsee barbaadee isa dhabnaan eegdota sana jabeessee qoree akka isaan ajjeefaman ajaje. Heroodis Yihuudaadhaa kaʼee Qiisaariyaatti gad buʼee xinnoo achi jiraate.
ACT 12:20 Innis warra Xiiroosii fi Siidoonaatti akka malee aare; isaanis tajaajilaa mootichaa amanamaa Bilaasxoos jedhamu tokko michoomfatanii tokkummaan gara mootichaa dhaqanii araara kadhatan; biyyi isaanii biyya mooticha sanaa irraa midhaan nyaataa argachaa jiraatteetii.
ACT 12:21 Guyyaa beellamaattis Heroodis uffata mootii uffatee teessoo isaa irra taaʼe; uummatattis dubbate.
ACT 12:22 Namoonnis, “Kun sagalee Waaqaati malee sagalee namaa miti” jedhanii iyyan.
ACT 12:23 Heroodisis waan Waaqaaf ulfina hin kenniniif yeruma sana ergamaan Waaqaa tokko isa dhaʼe; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.
ACT 12:24 Dubbiin Waaqaa garuu ittuma fufee guddachaa, babalʼachaas deeme.
ACT 12:25 Barnaabaasii fi Saaʼol erga ergama isaanii fixatanii booddee Yohannis isa Maarqos jedhamu sana fudhatanii Yerusaalemii deebiʼan.
ACT 13:1 Waldaa kiristaanaa Anxookiiyaa keessa Raajotaa fi barsiistotatu ture; isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Niiger jedhamu, Luukiyoos nama Qareenaa, Maanaaʼen isa Heroodis bulchaa sana wajjin guddatee fi Saaʼol faʼa.
ACT 13:2 Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, “Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa” jedhe.
ACT 13:3 Kanaaf isaan erga soomanii kadhatanii booddee harka isaanii jara irra kaaʼanii isaan ergan.
ACT 13:4 Isaan lachuu Hafuura Qulqulluudhaan ergamanii Seluuqiyaatti gad buʼan; achiis kaʼanii dooniin Qophiroos dhaqan.
ACT 13:5 Yommuu Salaamiis gaʼanittis manneen sagadaa Yihuudootaa keessatti dubbii Waaqaa lallaban; Yohannisis isaan gargaaruuf isaan bira ture.
ACT 13:6 Isaanis yommuu biyyoota bishaaniin marfaman sana hundumaa keessa baʼanii hamma Phaafoositti dhufanitti, Yihuudii falfaltichaa fi raajii sobaa kan maqaan isaa Baaryesuus jedhamu tokkotti dhufan.
ACT 13:7 Innis namicha hubataa bulchaa biyyaa taʼe kan Sergiyoos Phaawulos jedhamu tokko wajjin ture. Bulchaan sunis waan dubbii Waaqaa dhagaʼuu barbaadeef nama ergee Barnaabaasii fi Saaʼolin waamsifate.
ACT 13:8 Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme.
ACT 13:9 Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen;
ACT 13:10 “Ati ilma diiyaabiloosii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu?
ACT 13:11 Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda.” Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe.
ACT 13:12 Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii.
ACT 13:13 Phaawulosii fi miiltonni isaa Phaafoosii bidiruudhaan kaʼanii Phergeen ishee Phamfiliyaa sana dhaqan; Yohannisis achitti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.
ACT 13:14 Isaan garuu Phergeenii kaʼanii gara Anxookiiyaa ishee Phisiidiyaatti argamtuu dhufan; guyyaa Sanbataas mana sagadaa seenanii tataaʼan.
ACT 13:15 Bulchitoonni mana sagadaa sanaas erga kitaabonni Seeraatii fi Raajotaa dubbifamanii booddee nama isaanitti erganii, “Yaa obboloota, yoo dubbii gorsaa uummataaf qabaattan mee dubbadhaa” jedhaniin.
ACT 13:16 Phaawulos kaʼee dhaabatee harkaan mallattoo argisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, isin warri Waaqa sodaattanis mee na dhagaʼaa!
ACT 13:17 Waaqni saba Israaʼel abbootii keenya filate; innis yeroo isaan biyya Gibxi jiraachaa turanitti sabicha saba guddaa godhe; irree jabaanis achii isaan baase;
ACT 13:18 gammoojjii keessattis gara waggaa afurtamaa isaanii obse.
ACT 13:19 Biyya Kanaʼaan keessaas saboota torba balleessee lafa isaanii akka dhaalaatti saba isaatiif kenne.
ACT 13:20 Wanni kun hundinuu gara waggaa 450 fudhatte. “Kana booddees Waaqni hamma bara Saamuʼeel raajichaatti abbootii murtii isaaniif kenne.
ACT 13:21 Yommuu isaan akka inni mootii kennuufiif isa kadhatanitti Waaqni gosa Beniyaam keessaa Saaʼol ilma Qiishi isaaniif kenne; Saaʼolis waggaa 40 isaan bulche.
ACT 13:22 Waaqni Saaʼolin mootummaa irraa buusee Daawitin mootii isaanii godhe; innis, ‘Ani nama akka garaa koo Daawit ilma Isseey argadheera; inni waan ani akka inni hojjetu fedhu hunda ni hojjeta’ jedhee waaʼee Daawit rageesseera.
ACT 13:23 “Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide.
ACT 13:24 Yohannis dhufaatii Yesuus duratti cuuphaa qalbii jijjiirrannaa saba Israaʼel hundumatti lallabee ture.
ACT 13:25 Yohannisis utuu ergama isaa guutachaa jiruu, ‘Isin eenyu na seetu? Ani isa isin eeggachaa jirtan miti. Garuu namni ani kophee isaa illee hiikuu hin malle tokko na duubaan ni dhufa’ jedhe.
ACT 13:26 “Obboloota, yaa ijoollee Abrahaam, isin warri Waaqa sodaattanis, dubbiin fayyina kanaa nuu ergame.
ACT 13:27 Warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi bulchitoonni isaanii waan Yesuusin hin beekiniif yookaan dubbii raajotaa isa Sanbata Sanbata dubbifamu waan hin hubatiniif isatti muruudhaan dubbii raajotaa sana guutan.
ACT 13:28 Isaanis yoo sababii duʼa isatti mursiisuu dandaʼu argachuu baatan illee akka Yesuus ajjeefamuuf Phiilaaxoosin kadhatan.
ACT 13:29 Erga waan waaʼee isaa barreeffame hunda guutatanii booddees fannoo irraa gad buusanii awwaala keessa isa kaaʼan.
ACT 13:30 Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase.
ACT 13:31 Innis warra isa wajjin Galiilaadhaa gara Yerusaalemitti ol baʼanitti guyyaa hedduu mulʼate; isaanis amma saba keenya duratti dhuga baatota isaa ti.
ACT 13:32 “Nus oduu nama gammachiisu isinitti odeessina; oduun kunis: Waaqni waan abbootii keenya abdachiise sana,
ACT 13:33 Yesuusin duʼaa kaasuudhaan nuu ijoollee isaaniitiif guuteera. Kunis akkuma faarfannaa lammaffaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha; “ ‘Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera.’
ACT 13:34 Wanni Waaqni, akka inni gonkumaa hin tortorreef jedhee warra duʼan keessaa isa kaaseef akkana jedhamee dubbii kana keessatti barreeffameera; “ ‘Ani eebba qulqulluu fi mirkanaaʼaa, isa Daawit abdachiifame sana isiniif nan kenna.’
ACT 13:35 Akkasumas iddoo biraatti akkana jedha: “ ‘Qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.’
ACT 13:36 “Daawitis bara isaa keessa fedhii Waaqaa tajaajilee boqote; abbootii isaa biratti awwaalame; dhagni isaas ni tortore.
ACT 13:37 Inni Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase sun garuu hin tortorre.
ACT 13:38 “Kanaaf yaa obboloota ko, isin akka karaa Yesuusiitiin dhiifamni cubbuu isinitti lallabame akka beektan nan fedha.
ACT 13:39 Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa.
ACT 13:40 Isinis akka wanni raajonni dubbatan sun isin irra hin geenyeef of eeggadhaa; innis akkana jedha:
ACT 13:41 “ ‘Ilaalaa, isin qoostota nana; dinqisiifadhaa; dhumaas; ani bara keessan keessa waan isin yoo namni tokko isinitti hime illee hin amanne tokko nan hojjedha.’”
ACT 13:42 Utuu Phaawulosii fi Barnaabaas mana sagadaatii baʼuutti jiranuu namoonni sun akka isaan Sanbata itti aanu illee deebiʼanii dubbii sana lallabaniif isaan kadhatan.
ACT 13:43 Erga wal gaʼiin mana sagadaa bittinnaaʼee booddee, Yihuudoonnii fi namoonni amantii Yihuudootaa fudhatanii itti bulan baayʼeen isaan duukaa buʼan; Phaawulosii fi Barnaabaasis jara sana wajjin dudubbatanii akka isaan ayyaana Waaqaatti jiraataniif cimsanii isaan gorsan.
ACT 13:44 Sanbata itti aanutti nama muraasa malee uummanni magaalaa sanaa guutuun dubbii Gooftaa dhagaʼuuf walitti qabame.
ACT 13:45 Yihuudoonni garuu uummata baayʼee arganii hinaaffaan guutaman; Phaawulosinis arrabsanii waan inni dubbateen morman.
ACT 13:46 Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; “Nu duraan dursinee dubbii Waaqaa isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla.
ACT 13:47 Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii; “ ‘Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee, hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera.’”
ACT 13:48 Namoonni Ormaas yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii dubbii Gooftaa ulfeessan; warri jireenya bara baraatiif filataman hundinuus ni amanan.
ACT 13:49 Dubbiin Gooftaas naannoo sana hunda keessatti facaafame.
ACT 13:50 Yihuudoonni garuu dubartoota bebeekamoo Waaqa sodaatanii fi dura buʼoota magaalattii isaanitti tuttuqan; isaanis Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii biyya isaanii keessaa isaan baasan.
ACT 13:51 Isaan garuu akka akeekkachiisa isaaniif taʼuuf, awwaara miilla isaanii dhadhaʼatanii Iqooniyoonitti qajeelan.
ACT 13:52 Barattoonnis gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan guutaman.
ACT 14:1 Phaawulosii fi Barnaabaas akkuma amala isaanii Iqooniyoonitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan; achittis waan akka gaarii dubbataniif Yihuudoonnii fi Giriikonni hedduun ni amanan.
ACT 14:2 Yihuudoonni hin amanin garuu Namoota Ormaa kakaasanii akka isaan obbolootaan mormaniif yaada isaanii hammeessan.
ACT 14:3 Phaawulosii fi Barnaabaas sodaa malee waaʼee Gooftaa dubbachaa yeroo dheeraa achi turan; Gooftaanis akka isaan mallattoo fi dinqii hojjetan isaan dandeessisuudhaan dubbii ayyaana isaa mirkaneesse.
ACT 14:4 Uummanni magaalaa sanaas gargar qoodame; garri tokko Yihuudoota wajjin, kaan immoo ergamoota wajjin dhaabate.
ACT 14:5 Namoonni Ormaatii fi Yihuudoonni bulchitoota isaanii wajjin isaan dhiphisuu fi dhagaadhaan isaan tumuuf mariʼatan.
ACT 14:6 Jarri garuu waan kana beekkatanii magaalaawwan Liqaaʼooniyaa kanneen Lisxiraanii fi Darbeen jedhamanitti, gara biyya naannoo sanaattis baqatan.
ACT 14:7 Achittis wangeela lallabuu itti fufan.
ACT 14:8 Lisxiraan keessa namichi miilli isaa laamshaʼe, kan dhaloota isaatii jalqabee naafa turee fi takkumaa miillaan deemee hin beekin tokko taaʼaa ture.
ACT 14:9 Innis yeroo Phaawulos dubbatutti isa dhaggeeffachaa ture; Phaawulosis hubatee isa ilaalee akka namichi sun fayyuuf amantii qabu arge;
ACT 14:10 sagalee guddaadhaanis, “Kaʼii miilla keetiin dhaabadhu!” jedheen. Namichi sunis ol utaalee kaʼe; miillaan deemuus jalqabe.
ACT 14:11 Namoonnis yommuu waan Phaawulos hojjete arganitti, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaaʼooniyaatiin, “Waaqonni bifa namaatiin nutti gad buʼaniiru!” jedhan.
ACT 14:12 Isaanis Barnaabaasiin, “Zeʼoos” jedhan; Phaawulos immoo waan inni dubbataa hangafa tureef, “Hermeen” jedhaniin.
ACT 14:13 Lubni Zeʼoos uummata wajjin aarsaa isaanii dhiʼeessuu barbaadee sangootaa fi daraaraa foʼame gara balbala magaalaatti fide; manni qulqullummaa Diyaas magaalaa sanaan alatti argama ture.
ACT 14:14 Ergamoonni jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos garuu yommuu waan kana dhagaʼanitti wayyaa isaanii tarsaasanii iyyaa fiiganii uummata keessa seenan; akkanas jedhan;
ACT 14:15 “Yaa jarana, isin maaliif waan kana gootan? Nus namuma akka keessanii ti. Akka isin waan faayidaa hin qabne kana irraa deebitanii Waaqa jiraataa isa samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumetti deebitaniif nu oduu gaarii isinitti himna.
ACT 14:16 Inni bara durii keessa akka saboonni hundinuu akkuma fedhanitti jiraatan isaan dhiise;
ACT 14:17 taʼus dhuga baʼumsa malee of hin dhiifne. Bokkaa samii irraa roobsee midhaanis yeroo isaatti isinii kennee, garaa laafummaa isaa argisiiseera; soora hedduus isinii kennee garaa keessan gammachuudhaan guuta.”
ACT 14:18 Jarri garuu dubbii kanaan iyyuu rakkina guddaadhaan akka tuunni sun aarsaa isaaniif hin dhiʼeessine of irraa deebisan.
ACT 14:19 Yihuudoonni tokko tokko Anxookiiyaa fi Iqooniyoonii dhufanii uummata gara ofii isaaniitti deebifatan. Phaawulosin dhagaadhaan tumanii waan inni duʼe seʼaniis lafa irra harkisaa magaalaa keessaa gad isa baasan.
ACT 14:20 Inni garuu yeroo barattoonni isatti naannaʼanitti kaʼee magaalaa seene; guyyaa itti aanutti immoo Barnaabaas wajjin magaalaa Darbeenitti qajeele.
ACT 14:21 Isaanis erga magaalaa sanatti wangeela lallabanii namoota hedduu barattoota godhatanii booddee Lisxiraanitti, Iqooniyoonii fi Anxookiiyaatti deebiʼan.
ACT 14:22 Isaanis, “Nu mootummaa Waaqaatti galuudhaaf rakkina baayʼee keessa darbuu qabna” jedhanii barattoota jajjabeessaa, akka isaan amantiitti cimaniifis gorsaa turan.
ACT 14:23 Phaawulosii fi Barnaabaas tokkoo tokkoo waldaa kiristaanaa keessatti maanguddoota muudaniifii kadhaa fi soomaan Goofticha isaan itti amananitti dabarsanii isaan kennan.
ACT 14:24 Phisiidiyaa keessa darbanii Phamfiliyaa seenan.
ACT 14:25 Phergeenitti dubbicha lallabanii Axaaliyaatti gad buʼan.
ACT 14:26 Axaaliyaadhaa kaʼanii gara iddoo itti hojii amma fixatan kanaaf ayyaana Waaqaatti imaanaa kennamanii turanii Anxookiiyaatti dooniin deebiʼan.
ACT 14:27 Akkuma achi gaʼaniinis waldaa kiristaanaa walitti qabanii waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hundaa fi akkamitti akka inni Namoota Ormaatiif balbala amantii banes isaanitti himan.
ACT 14:28 Isaanis barattoota wajjin yeroo dheeraa achi turan.
ACT 15:1 Namoonni tokko tokko Yihuudaa gara Anxookiiyaatti gad buʼanii, “Isin yoo akkuma seera Museetti dhagna qabachuu baattan fayyuu hin dandeessan” jedhanii obboloota barsiisaa turan.
ACT 15:2 Kunis akka Phaawulosii fi Barnaabaas jara wajjin wal diddaa fi wal morkii cimaa keessa seenan isaan godhe; kanaaf Phaawulosii fi Barnaabaas waaʼee dubbii kanaatiif jedhanii akka Yerusaalemitti ol baʼanii ergamootaa fi maanguddoota bira dhaqaniif amantoota tokko tokko wajjin filataman.
ACT 15:3 Waldaan kiristaanaas isaan ergite; isaanis akka Namoonni Ormaa Waaqatti deebiʼan odeessaa Finiiqee fi Samaariyaa keessa darban. Oduun kunis obboloota hunda akka malee gammachiise.
ACT 15:4 Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanitti waldaan kiristaanaa, ergamoonnii fi maanguddoonni isaan simatan; isaanis waan Waaqni karaa isaaniitiin hojjete hunda jaratti himan.
ACT 15:5 Amantoonni garee Fariisotaa tokko tokko garuu kaʼanii dhaabatanii, “Namoonni Ormaa dhagna qabachuu qaban; akka seera Musee eeganiifis itti himamuu qaba” jedhan.
ACT 15:6 Ergamoonnii fi maanguddoonni dubbii kana ilaaluuf walitti qabaman.
ACT 15:7 Phexrosis falmii guddaan booddee kaʼee dhaabatee akkana isaaniin jedhe; “Yaa obboloota, isin akka Waaqni yeroo gabaabaan dura akka Namoonni Ormaa afaan koo irraa dubbii wangeelaa dhagaʼanii amananiif jedhee isinuma keessaa na filate beektu.
ACT 15:8 Waaqni yaada garaa namaa beeku sun akkuma nuuf kenne sanatti isaaniifis Hafuura Qulqulluu kennuudhaan akka isaan simate mirkaneesse.
ACT 15:9 Innis sababii garaa isaanii amantiin qulqulleesseef, nuu fi isaan gidduutti garaa garummaa tokko illee hin goone.
ACT 15:10 Yoos maaliif waanjoo nus abbootiin keenyas baachuu hin dandaʼin morma barattootaa irra kaaʼuudhaan Waaqa qortu ree?
ACT 15:11 Nu akka ayyaana Gooftaa keenya Yesuusiitiin fayyinu ni amanna; isaanis akkasuma ni fayyu.”
ACT 15:12 Yommuu Barnaabaasii fi Phaawulos waaʼee mallattoo fi dinqii Waaqni harka isaaniitiin Namoota Ormaa keessatti hojjete sanaa dubbatanitti yaaʼiin guutuun calʼisee isaan dhagaʼaa ture.
ACT 15:13 Erga isaan dubbatanii fixanii booddees Yaaqoob akkana jedhe; “Yaa obboloota, mee na dhaggeeffadhaa!
ACT 15:14 Simoonis akka Waaqni duraan dursee Namoota Ormaa keessaa saba tokko ofii isaatii filachuun jaalala isaa argisiise nutti himeera.
ACT 15:15 Dubbiin raajotaas waan kana wajjin walii gala; innis akkana jedhamee barreeffameera:
ACT 15:16 “ ‘Kana booddee ani nan deebiʼa; dunkaana Daawit kan kufe sana deebisee nan ijaara; diigamaa isaa immoo deebisee nan ijaara; deebisees nan dhaaba;
ACT 15:17 kunis akka namoonni hafan jechuunis, Namoonni Ormaa warri maqaa kootiin waamaman hundinuu gooftaa barbaadaniif’
ACT 15:18 jedha Gooftichi waan bara dheeraaf beekame hojjete sun.
ACT 15:19 “Kanaaf nu akka murtii kootiitti Namoota Ormaa kanneen Waaqatti deebiʼan rakkisuu hin qabnu.
ACT 15:20 Qooda kanaa akka isaan nyaata waaqonni tolfamoon xureessan, sagaagalummaa, foon horii hudhamee duʼeetii fi dhiiga lagataniif xalayaa barreessinee itti himuu qabna.
ACT 15:21 Seerri Musee dhaloota duriitii jalqabee magaalaa hunda keessatti lallabamaa ture; manneen sagadaa keessattis Sanbata Sanbata ni dubbifama.”
ACT 15:22 Yommus ergamoonnii fi maanguddoonni miseensota waldaa kiristaanaa guutuu wajjin tokko taʼanii namoota isaanii keessaa tokko tokko filatanii Phaawulosii fi Barnaabaas wajjin gara Anxookiiyaatti erguu murteessan; isaanis namoota lama jechuunis Yihuudaa isa Barsiyaan jedhamuu fi Siilaas kanneen obboloota keessatti dura buʼoota turan sana filatan.
ACT 15:23 Xalayaa armaan gad jiru kanas isaanitti ergan: Obboloota keessan, ergamootaa fi maanguddoota irraa; Gara Namoota Ormaa kanneen amanan warra Anxookiiyaa, Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa jiraataniitti; Nagaa isinii dhaamna.
ACT 15:24 Nu akka namoonni tokko tokko eeyyama keenya malee nu biraa baʼanii waan dubbataniin qalbii isin raasanii isin jeeqan dhageenyeerra.
ACT 15:25 Kanaafuu nu hundi namoota tokko tokko filannee obboloota keenya jaallatamoo Barnaabaasii fi Phaawulos jechuunis
ACT 15:26 namoota maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiif jedhanii jireenya isaanii kennan isinitti erguuf walii galle.
ACT 15:27 Kanaafuu akka isaan waanuma nu barreessine sana dubbii afaaniitiin isinii mirkaneessaniif jennee Yihuudaa fi Siilaasin ergineerra.
ACT 15:28 Waan barbaachisaa armaan gad jiru kana malee akka nu baʼaa tokko illee isin irra hin keenye Hafuurri Qulqulluun jaallateera; nus itti gammanneerra;
ACT 15:29 kunis akka isin nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagattanii dha. Isin yoo waan kana irraa of eegdan, waan qajeelaa hojjettan. Nagaatti.
ACT 15:30 Jarri sunis ergamanii Anxookiiyaatti gad buʼan; achittis amantoota walitti qabanii xalayaa sana itti kennan.
ACT 15:31 Amantoonnis yommuu xalayaa sana dubbisanitti gorsa jajjabeessaa sanatti ni gammadan.
ACT 15:32 Yihuudaa fi Siilaas warri mataan isaanii iyyuu raajota turan sun dubbii baayʼeen obboloota gorsanii jajjabeessan.
ACT 15:33 Erga isaan yeroo gabaabaa achi turanii booddees, obboloonni akka isaan warra isaan erganitti deebiʼaniif nagaan isaan geggeessan. [
ACT 15:34 Siilaas immoo achumatti hafuu murteesse.]
ACT 15:35 Phaawulosii fi Barnaabaas garuu Anxookiiyaatti hafanii namoota biraa hedduu wajjin dubbii Gooftaa barsiisan; ni lallabanis.
ACT 15:36 Phaawulosis bultii gabaabduu booddee Barnaabaasiin, “Mee kottu, magaalaawwan itti dubbii Gooftaa lallabne hundatti deebinee obboloota dubbifnaa; haala isaan keessa jiranis ni ilaallaa!” jedhe.
ACT 15:37 Barnaabaasis Yohannis isa Maarqos jedhamu sana isaan wajjin fudhatee deemuu barbaade.
ACT 15:38 Phaawulos garuu sababii Maarqos isaan wajjin hojiitti fufuu didee Phamfiliyaatti isaan dhiisee deemeef akka inni isaan wajjin deemu hin jaallanne.
ACT 15:39 Kana irratti waldhabiisni guddaan gidduu isaaniitti uumamnaan gargar baʼan; Barnaabaasis Maarqosin fudhatee dooniidhaan Qophiroositti qajeele.
ACT 15:40 Phaawulos immoo Siilaasin filatee erga obboloonni dabarsanii ayyaana gooftaatti isa kennanii booddee kaʼee deeme.
ACT 15:41 Innis waldoota kiristaanaa jajjabeessaa Sooriyaa fi Kiilqiyaa keessa darbe.
ACT 16:1 Phaawulos ittuma fufee gara Darbeenii fi Lisxiraanii dhaqe; barataan Xiimotewos jedhamu kan haati isaa Yihuudii amantuu taate tokkos achi ture; abbaan isaa garuu nama Giriik ture.
ACT 16:2 Obboloonni Lisxiraanii fi Iqooniyoon keessa jiraatan waaʼee isaa waan gaarii dubbatan.
ACT 16:3 Phaawulos akka Xiimotewos isa faana deemu barbaade; kanaaf sababii Yihuudoota naannoo sana jiraataniitiif jedhee dhagna isa qabe; isaan hundinuu akka abbaan Xiimotewos nama Giriik taʼe beeku turaniitii.
ACT 16:4 Isaanis akkuma magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti darbaniin akka namoonni ajajamaniif jedhanii murtii ergamoonnii fi maanguddoonni Yerusaalem keessa jiraatan murteessan sana namootatti himan.
ACT 16:5 Kanaafuu waldoonni kiristaanaa amantiitti cimaa, baayʼinaanis guyyuma guyyaan itti dabalamaa deeman.
ACT 16:6 Isaanis Hafuurri Qulqulluun akka isaan biyya Asiyaa keessatti dubbicha hin lallabne isaan dhowwinaan biyya Firiigiyaatii fi Galaatiyaa keessa darban.
ACT 16:7 Yommuu Miisiyaa gaʼanittis Biitaaniyaa seenuu yaalan; Hafuurri Yesuus garuu isaanii hin eeyyamne.
ACT 16:8 Kanaaf Miisiyaa keessa baʼanii Xirooʼaasitti gad buʼan.
ACT 16:9 Phaawulosis halkan sana namicha Maqedooniyaa tokko isaa dhaabatee, “Maqedooniyaa kottuutii nu gargaari” jedhee isa kadhatu mulʼataan arge.
ACT 16:10 Nus erga Phaawulos mulʼata sana argee booddee, Waaqni akka nu wangeela isaanitti lallabnuuf nu waamuu isaati jennee Maqedooniyaa dhaquuf qophoofnee kaane.
ACT 16:11 Xirooʼaasii dooniidhaan kaanee Saamotraaqeetti fuula deebifannee qajeelle; guyyaa itti aanu immoo Neʼaphoolisitti dabarre.
ACT 16:12 Achii kaanees Fiiliphisiyuus dhaqne; isheenis magaalaa beekamtuu aanaa Maqedooniyaa kan kolonii mootummaa Roomaa jala turtee dha; nus magaalattii keessa guyyaa muraasa turre.
ACT 16:13 Guyyaa Sanbataa immoo magaalattii keessaa baanee gara lagaa iddoo akka lafa kadhannaa itti argannu abdanne tokkootti gad buune; teteenyees dubartoota achitti walitti qabamanitti dubbachuu jalqabne.
ACT 16:14 Warra nu dhaggeeffachaa turan keessaas dubartii Liidiyaa jedhamtu tokkotu ture; isheen daldaltuu wayyaa dhiilgee kan magaalaa Tiyaatiraatii dhuftee, Waaqas waaqeffattu turte. Gooftaan akka isheen waan Phaawulos dubbatu qalbeeffattuuf qalbii ishee baneef.
ACT 16:15 Isheenis erga warra mana ishee jiraatan wajjin cuuphamtee booddee, “Yoo akka nama Gooftaatti amanu tokkootti na ilaaltan, kottaatii mana koo turaa” jettee nu waamte; jabeessitees nu kadhatte.
ACT 16:16 Gaaf tokko utuu iddoo itti kadhatan dhaqnuu xomboree hafuura waa himsiisuun guutamte tokkoon walitti dhufne; isheen waa namaa himuun gooftota isheetiif maallaqa guddaa galchiti turte.
ACT 16:17 Isheenis, “Namoonni kunneen tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii kanneen karaa fayyinaa isinitti himanii dha” jettee iyyaa Phaawulosii fi nu duukaa buute.
ACT 16:18 Waan kanas guyyaa hedduu itti fufte; Phaawulos garuu waan akka malee aareef itti garagalee hafuura sanaan, “Ani akka ati ishee keessaa baatu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin sin ajaja” jedhe; hafuurichis yommusuma ishee keessaa baʼe.
ACT 16:19 Gooftonni xomboree sanaas yommuu akka abdiin galii isaanii citte hubatanitti Phaawulosii fi Siilaasin qabanii fuula abbootii taayitaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii lafa irra harkisaa iddoo gabaatti isaan geessan.
ACT 16:20 Fuula qondaaltotaa durattis isaan dhiʼeessanii akkana jedhan; “Namoonni kunneen Yihuudoota; magaalaa keenyas jeequutti jiru.
ACT 16:21 Isaanis duudhaa fudhachuun yookaan itti buluun nuu warra Roomaatiif hin eeyyamamne barsiisu.”
ACT 16:22 Namoonnis tokkummaadhaan Phaawulosii fi Siilaasitti kaʼan; qondaaltonni sunis akka wayyaan isaan irraa baafamee uleedhaan tumaman ajajan.
ACT 16:23 Jarris erga akka malee garafamanii booddee mana hidhaatti darbataman; eegduun mana hidhaa sanaas akka jabeessee isaan eegu ajajame.
ACT 16:24 Innis ajaja kana fudhatee gola mana hidhaa keessa isaan galche; miilla isaaniis jirma gidduu galchee hidhe.
ACT 16:25 Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa, faarfannaadhaanis Waaqa galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.
ACT 16:26 Akkuma tasaa sochiin lafaa cimaan tokko taʼe; kanaanis hundeen mana hidhaa sanaa raafame; yommusuma balballi hundinuu ni baname; foncaan nama hundaas ni hiikame.
ACT 16:27 Eegduun mana hidhaa sunis yommuu dammaqee akka balballi mana hidhaa baname argetti waan hidhamtoonni baʼanii badan seʼee of ajjeesuuf goraadee isaa luqqifate.
ACT 16:28 Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan iyyee, “Nu hundi asuma jirraatii of hin miidhin” jedheen.
ACT 16:29 Eegduun sunis ibsaa fichisiifatee fiigaa ol gale; sodaadhaanis hollachaa Phaawulosii fi Siilaas duratti kufe;
ACT 16:30 gad isaan baasees, “Yaa Gooftota ko, ani akka fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate.
ACT 16:31 Isaanis deebisanii, “Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii” jedhan.
ACT 16:32 Dubbii Gooftaas isaa fi warra mana isaa jiraatan hundatti himan.
ACT 16:33 Eegduun mana hidhaa sunis saʼaatuma halkanii sana isaan fuudhee madaa isaanii dhiqeef; yommusumas innii fi maatiin isaa hundinuu cuuphaman.
ACT 16:34 Eegduun sunis mana isaatti isaan geessee nyaata dhiʼeesseef; sababii maatiin isaa hundi gara Waaqa amanuutti dhufaniif warri mana isaa jiraatan hundi akka malee gammadan.
ACT 16:35 Yommuu bariʼetti qondaaltonni sun, “Namoota sana gad dhiisi” jedhanii eegduu mana hidhaa sanatti poolisii ergan.
ACT 16:36 Eegduun sunis, “Qondaaltonni akka isin hiikamtan ajajaniiru; kanaaf amma deemuu ni dandeessu; nagaan galaa” jedhee Phaawulositti hime.
ACT 16:37 Phaawulos garuu poolisoota sanaan akkana jedhe; “Isaan utuma nu lammiiwwan Roomaa taanee jirruu, murtii tokko malee nu garafanii mana hidhaatti nu darbatan; amma immoo dhoksaan nu baasuu barbaaduu? Kun hin taʼu! Isaanumti mataan isaanii dhufanii nu haa baasanii!” jedhe.
ACT 16:38 Poolisoonnis dubbii kana qondaaltotatti himan; qondaaltonnis yommuu akka Phaawulosii fi Siilaas lammiiwwan Roomaa taʼan dhagaʼanitti ni rifatan.
ACT 16:39 Isaanis dhufanii dhiifama isaan gaafatan; mana hidhaatii isaan baasanii akka isaan magaalattii keessaa baʼanii deemaniif isaan kadhatan.
ACT 16:40 Phaawulosii fi Siilaas mana hidhaatii baʼanii mana Liidiyaa dhaqan; isaanis yommuu obboloota arganitti isaan jajjabeessan; achiis baʼanii deeman.
ACT 17:1 Isaanis Amfiipholiisii fi Apholooniyaa keessa darbanii Tasaloniiqee iddoo manni sagadaa Yihuudootaa ture dhufan.
ACT 17:2 Phaawulosis akkuma amala isaa mana sagadaa seenee guyyaa Sanbataa sadii dubbii kitaabaa irratti isaan wajjin dudubbachaa,
ACT 17:3 akka Kiristoos dhiphachuu fi warra duʼan keessaa kaʼuu qabu addeessaa, mirkaneessaas ture. Innis, “Yesuus ani amma isinitti himu kun Kiristoosii dha” jedhe.
ACT 17:4 Yihuudoota keessaa tokko tokko, Giriikota Waaqa sodaatan keessaas namoonni akka malee baayʼatanii fi dubartoonni bebeekamoon hedduun amananii Phaawulosii fi Siilaasitti dabalaman.
ACT 17:5 Yihuudoonni garuu hinaaffaan guutaman; isaanis iddoo gabaatii kashlabboota tokko tokko walitti qabatanii, uummatas kakaasanii magaalaa keessatti goolii uuman; Phaawulosii fi Siilaasinis fuula uummataa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isaan barbaacha mana Yaasonitti fiigan.
ACT 17:6 Yommuu jara dhabanitti immoo Yaasonii fi obboloota tokko tokko harkisaa fuula qondaaltota magaalaa duratti dhiʼeessanii akkana jedhanii iyyan; “Namoonni addunyaa hunda rakkisaa turan kunneen amma kunoo as dhufaniiru;
ACT 17:7 Yaasonis mana isaatti isaan simateera. Hundi isaaniis, ‘Mootiin biraa kan Yesuus jedhamu tokko jira’ jedhanii labsii Qeesaariin mormu.”
ACT 17:8 Uummannii fi qondaaltonni magaalaa sanaas yommuu waan kana dhagaʼanitti ni raafaman.
ACT 17:9 Isaanis Yaasonii fi warra kaan irraa qabsiisa fuudhanii gad isaan dhiisan.
ACT 17:10 Obboloonnis yeruma sana Phaawulosii fi Siilaasin halkaniin Beeriyaatti ergan; isaanis yommuu achi gaʼanitti mana sagadaa Yihuudootaa seenan.
ACT 17:11 Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii.
ACT 17:12 Kanaaf Yihuudoota keessaa baayʼeen ni amanan; akkasumas dubartoonni Giriik beekamoon hedduunii fi dhiironni Giriik hedduun ni amanan.
ACT 17:13 Yihuudoonni Tasaloniiqee yommuu akka Phaawulos Beeriyaa keessattis dubbii Waaqaa lallabaa ture dhagaʼanitti achis dhaqanii rakkoo uumanii uummata kakaasan.
ACT 17:14 Obboloonni immoo yommusuma Phaawulosin gara qarqara galaanaatti ergan; Siilaasii fi Xiimotewos garuu Beeriyaatti hafan.
ACT 17:15 Namoonni Phaawulosin geggeessanis Ateenaan isa gaʼanii akka Siilaasii fi Xiimotewos hamma isaanii dandaʼametti dafanii Phaawulos bira dhaqaniif ajaja fuudhaniifii deebiʼan.
ACT 17:16 Phaawulos utuu Ateenaa keessatti isaan eegaa jiruu akka magaalaan sun waaqota tolfamoodhaan guutamte argee akka malee gadde.
ACT 17:17 Kanaaf mana sagadaa keessatti Yihuudootaa fi Giriikota Waaqa sodaatan wajjin, iddoo gabaatti immoo guyyuma guyyaan warra achitti argaman wajjin falmaa ture.
ACT 17:18 Gareen falaasamtoota Efiiqoroosiitii fi Istoʼiki tokkos isaan falmaa ture; isaan keessaa tokko tokko, “Namichi legellegaan kun maal jedha?” jedhan. Warri kaan immoo, “Inni waaʼee waaqota ormaa labsa fakkaata” jedhan. Phaawulos waaʼee Yesuusii fi waaʼee duʼaa kaʼuu lallabaa tureetii.
ACT 17:19 Isaanis isa qabanii gara wal gaʼii Ariyoosphaagositti geessan; achittis akkana jedhaniin; “Barsiisni haaraan ati fidde kun maal akka taʼe beekuu dandeenyaa?
ACT 17:20 Ati waan nu takkumaa hin dhagaʼin nutti himaa jirta; kanaaf nu akka wanni kun maal jechuu taʼe beekuu feena.”
ACT 17:21 Warri Ateenaa hundii fi namoonni biyya ormaa kanneen achi jiraatan yeroo isaanii waan haaraa dhagaʼuu fi odeessuu irratti malee waan biraa irratti hin balleessan ture.
ACT 17:22 Phaawulosis wal gaʼii Ariyoosphaagos walakkaa dhaabatee akkana jedhe; “Yaa namoota Ateenaa! Ani akka isin karaa hundaanuu warra amantaa taatan nan hubadha.
ACT 17:23 Ani yommuun nanaannaʼee waan isin waaqeffattan ilaaletti iddoo aarsaa kan katabbii, Waaqa hin Beekamneef, jedhu of irraa qabu argeeraatii. Egaa amma waan isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinittin hima.
ACT 17:24 “Waaqni addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda uume sun Gooftaa samiitii fi lafaa ti; inni mana qulqullummaa kan harka namaatiin hojjetame keessa hin jiraatu.
ACT 17:25 Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu.
ACT 17:26 Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse.
ACT 17:27 Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe.
ACT 17:28 Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’
ACT 17:29 “Kanaafuu nu waan ilmaan Waaqaa taaneef Waaqni waan akka warqee yookaan meetii yookaan dhagaa jechuunis waan ogummaa fi beekumsa namaatiin hojjetame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu.
ACT 17:30 Waaqni bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja.
ACT 17:31 Innis guyyaa itti harka namicha filate sanaatiin qajeelummaadhaan addunyaatti muru murteesseeraatii; kanas warra duʼan keessaa isa kaasuun nama hundumaaf mirkaneesseera.”
ACT 17:32 Isaan keessaa namoonni tokko tokko yommuu waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii dhagaʼanitti ni qoosan; warri kaan immoo, “Nu ammas dubbii kana sirraa dhagaʼuu barbaanna” jedhan.
ACT 17:33 Kana irratti Phaawulos isaan keessaa baʼee deeme.
ACT 17:34 Namoonni tokko tokko garuu gama Phaawulos goranii amanan; isaan keessaas namichi Diiyonaasiyoos jedhamu kan miseensa Ariyoosphaagos ture tokko, dubartiin Damaariis jedhamtuu fi namoonni biraas isaan wajjin turan.
ACT 18:1 Kana booddee Phaawulos Ateenaa kaʼee Qorontos dhaqe.
ACT 18:2 Achittis Yihuudii Aqiilaa jedhamu kan biyya Phonxoositti dhalate tokko argate; Aqiilaan kunis sababii Qilaawudewoos akka Yihuudoonni hundinuu biyya Roomaa keessaa baʼan ajajeef dhiʼoo niitii isaa Phirisqilaa wajjin Iixaaliyaadhaa dhufe. Phaawulosis isaan ilaaluu dhaqe.
ACT 18:3 Innis waan akkuma isaanii hojjetaa dunkaanaa tureef achi jiraatee isaan wajjin hojjete.
ACT 18:4 Guyyaa Sanbataa hundas mana sagadaa keessatti falmee Yihuudootaa fi Giriikota amansiisa ture.
ACT 18:5 Phaawulos yeroo Siilaasii fi Xiimotewos Maqedooniyaadhaa dhufanitti akka Yesuus kun Kiristoos taʼe Yihuudootaaf dhugaa baʼaa dubbicha lallabuutti ni jabaata ture.
ACT 18:6 Yommuu Yihuudoonni isaan mormanii isa arrabsanittis garuu Phaawulos uffata isaa hurgufatee, “Dhiigni keessan matuma keessan irra haa jiraatu! Ani qulqulluu dha; ammaa jalqabee gara Namoota Ormaa nan dhaqa” jedheen.
ACT 18:7 Innis achii baʼee mana namicha Waaqa waaqeffatu kan maqaan isaa Tiitoo jedhamu tokkoo dhaqe; manni namicha sanaas mana sagadaatti aana ture.
ACT 18:8 Kiriisphoos bulchaan mana sagadaa sanaas warra mana isaa jiraatan hunda wajjin Gooftaatti amane; namoota Qorontos kanneen Phaawulosin dhagaʼan keessaa baayʼeen isaanii amananii cuuphaman.
ACT 18:9 Halkan tokko Gooftaan akkana jedhee mulʼataan Phaawulositti dubbate; “Hin sodaatin; dubbadhu malees hin calʼisin.
ACT 18:10 Sababii ani si wajjin jiruuf namni tokko iyyuu si miidhuuf jedhee si hin tuqu; ani magaalaa kana keessaa nama baayʼee qabaatii.”
ACT 18:11 Kanaafuu Phaawulos dubbii Waaqaa isaan barsiisaa waggaa tokkoo fi walakkaa achi ture.
ACT 18:12 Yeroo Gaaliyoon bulchaa Akaayaa turetti Yihuudoonni tokkummaadhaan Phaawulositti kaʼanii mana murtiitti isa dhiʼeessan.
ACT 18:13 Isaanis, “Namichi kun akka isaan karaa seeraan ala taʼeen Waaqa waaqeffataniif namoota sossobaa jira” jedhanii isa himatan.
ACT 18:14 Utuu Phaawulos dubbachuuf jedhee afaan banachuutti jiruu Gaaliyoon Yihuudootaan akkana jedhe; “Yaa Yihuudoota, utuu dubbiin kun waaʼee balleessaa hojjechuu yookaan waaʼee yakka guddaa taʼee ani silaa obsaan isinan dhagaʼa ture.
ACT 18:15 Gaaffiin keessan garuu waan waaʼee jechootaa, waaʼee maqaawwaniitii fi waaʼee seera keessanii taʼeef kana isinuu fixadhaa; ani waan akkanaatiif abbaa murtii hin taʼuutii.”
ACT 18:16 Kanaafuu mana murtii keessaa gad isaan baase.
ACT 18:17 Isaan hundi bulchaa mana sagadaa sanatti jechuunis Soosteenesitti garagalanii fuula mana murtii duratti isa tumuu jalqaban. Wanni kun garuu xinnuma illee Gaaliyoo hin yaaddessine.
ACT 18:18 Phaawulos yeroo muraasa Qorontos keessa ture. Ergasiis obboloota biraa deemee Phirisqilaa fi Aqiilaa wajjin dooniidhaan Sooriyaa dhaqe; innis waan wareega qabuuf utuu hin deemin Kanchireʼaatti mataa haaddate.
ACT 18:19 Phaawulosis yeroo Efesoon gaʼanitti Phirisqilaa fi Aqiilaa achitti dhiisee ofii isaatii garuu mana sagadaa seenee Yihuudootaan mormaa ture.
ACT 18:20 Yommuu isaan akka inni yeroo dheeraa isaan bira turu kadhatanitti immoo dhagaʼuu dide.
ACT 18:21 Garuu akkuma isaan biraa deemeen, “Yoo Waaqni jedhe ani deebiʼee nan dhufa” jedheen; dooniidhaanis Efesoonii kaʼee deeme.
ACT 18:22 Innis Qiisaariyaa geenyaan ol baʼee waldaa kiristaanaa dubbise; ergasiis Anxookiiyaatti gad buʼe.
ACT 18:23 Phaawulos erga Anxookiiyaa keessa takka bubbulee booddee achii kaʼee barattoota hunda jajjabeessaa biyya Galaatiyaatii fi Firiigiyaa hunda keessa iddoo tokko irraa iddoo kaanitti nanaannaʼaa ture.
ACT 18:24 Gidduudhuma sana Yihuudiin Iskindiriyaatti dhalate kan Apholoos jedhamu tokko gara Efesoon dhufe; innis nama arraba qajeelu, kan Katabbiiwwan Qulqulluu gad fageenyaan beeku ture.
ACT 18:25 Namichi kun duraan karaa Gooftaa baratee ture; inni yoo cuuphaa Yohannis qofa beeke illee hafuura hoʼaadhaan waaʼee Yesuus qajeelchee dubbachaa, barsiisaas ture.
ACT 18:26 Mana sagadaa keessattis sodaa malee dubbachuu jalqabe; Phirisqilaa fi Aqiilaanis yommuu isa dhagaʼanitti mana isaaniitti isa waamanii karaa Waaqaa isa duraa caalaatti sirriitti addeessaniif.
ACT 18:27 Yeroo Apholoos Akaayaa dhaquu barbaadetti obboloonni isa jajjabeessanii akka barattoonni achi jiran sun isa simataniif xalayaa barreessaniif. Innis achi gaʼee warra ayyaana Waaqaatiin amananii turaniif gargaarsa guddaa taʼe.
ACT 18:28 Inni akka Yesuus kun Kiristoos taʼe Katabbiiwwan Qulqulluudhaan mirkaneessaa, jabaatee ifaan ifatti Yihuudootaan mormee amansiisaa tureetii.
ACT 19:1 Utuu Apholoos Qorontos keessa jiruu Phaawulos immoo biyya ol aanu keessa baʼee Efesoon dhufe; achittis barattoota tokko tokko argate.
ACT 19:2 Innis, “Isin yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu argattaniirtuu?” jedhee gaafate. Isaan immoo deebisanii, “Hin arganne; nu akka Hafuurri Qulqulluun jiru iyyuu takkumaa hin dhageenye” jedhan.
ACT 19:3 Phaawulosis, “Yoos cuuphaa kami cuuphamtan ree?” jedhee gaafate. Isaanis, “Cuuphaa Yohannis” jedhan.
ACT 19:4 Phaawulosis, “Cuuphaan Yohannis cuuphaa qalbii jijjiirrannaa ti; Yohannis akka isaan kan isa duubaan dhufaa jirutti, jechuunis Yesuusitti amananiif namootatti hima ture” jedhe.
ACT 19:5 Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Yesuusitti cuuphaman.
ACT 19:6 Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan.
ACT 19:7 Isaanis walumatti gara nama kudha lamaa turan.
ACT 19:8 Phaawulosis mana sagadaa seenee waaʼee mootummaa Waaqaa isaan wajjin falmaa, akka isaan amananiifis yaalaa, jiʼa sadii sodaa malee dubbachaa ture.
ACT 19:9 Isaan keessaa tokko tokko garuu mata jabeeyyii taʼan; amanuus didanii waaʼee karaa sanaa uummata duratti waan hamaa dubbatan; kanaaf Phaawulos isaan dhiisee deeme; barattootas ofitti fudhatee mana barumsaa Xiraanoos keessatti guyyuma guyyaan isaan wajjin mariʼachaa ture.
ACT 19:10 Kunis waggaa lama itti fufe; kanaaf Yihuudoonnii fi Giriikonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu dubbii Gooftaa dhagaʼan.
ACT 19:11 Waaqni harka Phaawulosiitiin hojii dinqii kan akka malee dinqisiisu hojjechaa ture.
ACT 19:12 Kanaaf maarrabiin yookaan marxoon dhagna isaa tuqe iyyuu dhukkubsattootatti geeffama ture; isaanis ni fayyu; hafuurri hamaanis isaan keessaa baʼa ture.
ACT 19:13 Yihuudoonni biyya keessa nanaannaʼanii hafuurota xuraaʼoo nama keessaa baasan tokko tokkos namoota hafuura hamaan qabaman irratti maqaa Gooftaa Yesuus waamuu yaalan; isaanis, “Ani maqaa Yesuus kan Phaawulos lallabu sanaan sin ajaja” jedhan.
ACT 19:14 Ilmaan Iskoyaas, isa luba hangafa Yihuudootaa ture sanaa torbanis waan kana hojjetaniiru.
ACT 19:15 Hafuurri hamaan sun garuu, “Ani Yesuusin beeka; waaʼee Phaawulosis beeka; isin immoo eenyu?” jedhee deebiseef.
ACT 19:16 Namichi hafuura hamaan qabame sunis isaanitti utaale; hunda isaaniis moʼate; ni tumes; isaanis madaaʼanii qullaa isaanii mana keessaa baʼanii baqatan.
ACT 19:17 Kunis Yihuudootaa fi Giriikota Efesoon keessa jiraatan hunda biratti beekame; isaan hundis sodaan guutaman; maqaan Gooftaa Yesuusis baayʼee kabajame.
ACT 19:18 Warra amanan keessaas baayʼeen isaanii dhufanii hojii isaanii hamaa sana ifatti baasanii himachaa turan.
ACT 19:19 Warra falfala hojjechaa turan keessaas namoonni baayʼeen kitaabota isaanii walitti qabanii fuula uummataa duratti guban; gatiin kitaabota sanaas yommuu shallagametti gara meetii kuma shantama taʼe.
ACT 19:20 Haala kanaanis dubbiin Gooftaa akka malee babalʼate; humnaanis guddate.
ACT 19:21 Erga wanni kun hundinuu taʼee booddee Phaawulos Maqedooniyaa fi Akaayaa keessa darbee Yerusaalem dhaquu murteeffate; innis, “Ani ergan achi gaʼee booddee Roomaas dhaquun qaba” jedhe.
ACT 19:22 Innis gargaartota isaa keessaa nama lama jechuunis Xiimotewosii fi Erisxoosin Maqedooniyaatti ergee ofii immoo yeroof biyya Asiyaa keessa ture.
ACT 19:23 Gidduma sana waaʼee karaa sanaa irratti gooliin guddaan uumame.
ACT 19:24 Tumtuun meetii kan Dimeexiroos jedhamu tokko fakkii mana qulqullummaa Arxemiisi meetii irraa hojjechuun ogeeyyii hojii harkaatiif galii guddaa galchaa ture.
ACT 19:25 Innis isaan hundaa fi namoota hojii akkasii qaban kaan walitti waamee akkana jedheen; “Yaa namoota nana, akka nu hojii kana irraa galii guddaa argannu ni beektu.
ACT 19:26 Isin akka namichi Phaawulos jedhamu kun utuu Efesoon qofatti hin taʼin guutummaa biyya Asiyaa gara caalu keessattis akka waaqonni harka namaatiin tolfaman waaqota hin taʼin dubbachuudhaan nama hedduu amansiisee karaa irraa balleesse ni argitu; ni dhageessus.
ACT 19:27 Kanaafuu akka maqaan hojii keenyaa inni gaariin sun badu sodaan jira; garuu kana qofa utuu hin taʼin manni sagadaa Arxemiisi waaqittii guddoo sanaa iyyuu ni salphata; waaqittiin biyya Asiyaa guutuu fi addunyaa keessatti waaqeffatamtu mataan ishee iyyuu ulfina waaqummaa ishee ni dhabdi.”
ACT 19:28 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaranii, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii iyyan.
ACT 19:29 Yommusuma magaalattiin ni raafamte; namoonni sunis miiltota Phaawulos kanneen Maqedooniyaadhaa dhufan jechuunis Gaayoosii fi Arisxirokoosin qabanii akkuma nama tokkootti gara iddoo itti tapha argisiisanii girrisanii fiigan.
ACT 19:30 Phaawulos uummatatti mulʼachuu barbaade; barattoonni garuu hin eeyyamneef.
ACT 19:31 Qondaaltota biyya Asiyaa warra michoota Phaawulos turan keessaas tokko tokko nama isatti erganii akka inni iddoo itti tapha argisiisan sana hin dhaqne isa kadhatan.
ACT 19:32 Yaaʼichis wacaan guutame: Garri tokko waan tokko, garri kaan waan biraa iyye. Garri caalaan isaanii immoo waan achitti walitti qabamaniif illee hin beekne.
ACT 19:33 Yihuudoonnis Iskindiroosin dhiibanii fuula uummataa duratti baafnaan, namoonni tokko tokko uummata keessaa iyyanii gorsa kennaniif; innis uummata duratti falmachuuf jedhee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne.
ACT 19:34 Yommuu akka inni Yihuudii taʼe hubatanitti garuu isaan hundinuu sagalee tokkoon, “Arxemiisiin warra Efesoon guddoo dha!” jedhanii gara saʼaatii lamaa iyyaa turan.
ACT 19:35 Barreessaan magaalaa sanaas uummata calʼisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Efesoon, akka magaalaan Efesoon kun eegduu mana sagadaa Arxemiisi guddittiitii fi fakkii ishee kan samii irraa buʼe sanaa taate namni hin beekne jiraa?
ACT 19:36 Kanaaf waan namni dhugaa kana falmu hin jirreef isin calʼisuu qabdu; waan tokko illee jarjarsuun hojjechuu hin qabdan.
ACT 19:37 Isaan mana sagadaa saamuu yookaan waaqittii keenya arrabsuu baatan illee isin jara kana as fiddaniirtu.
ACT 19:38 Kanaaf Dimeexiroosii fi ogeeyyiin isa wajjin jiran sun yoo waan ittiin nama tokko iyyuu himatan qabaatan manneen murtii banaa dha; bulchitoonni biyyaas jiru. Isaan himata qaban achitti haa dhiʼeeffatan.
ACT 19:39 Yoo wanni biraa kan isin dhiʼeeffachuu barbaaddan tokko iyyuu jiraate garuu wanni sun yaaʼii seera qabeessa irratti ilaalama.
ACT 19:40 Nu wal gaʼii kanaaf sababii dhiʼeeffachuu dandeenyu waan hin qabneef goolii harʼa taʼe kanatti akka gaafatamnu sodaa qabna.”
ACT 19:41 Innis erga waan kana dubbatee booddee waldaa sana gad lakkise.
ACT 20:1 Phaawulos erga gooliin qabbanaaʼee booddee barattoota waamsisee isaan jajjabeesse; “Nagaatti” isaaniin jedhees Maqedooniyaa dhaquuf kaʼe.
ACT 20:2 Innis dubbii nama jajjabeessu baayʼee uummatatti dubbachaa naannoo sana keessa darbee dhuma irratti Giriik gaʼe;
ACT 20:3 achis jiʼa sadii ture. Akkuma inni dooniin Sooriyaa dhaquuf kaʼeenis sababii Yihuudoonni isatti malataniif karaa Maqedooniyaatiin deebiʼuuf kutate.
ACT 20:4 Beeriyaadhaa Soophaaxroos ilma Phiiyiroos, Tasaloniiqeedhaa Arisxirokoosii fi Sekunduus, Darbeenii immoo Gaayoos isa wajjin deeman; akkasumas Xiimotewos, biyya Asiyaatii immoo Xikiqoosii fi Xiroofiimoos isa wajjin deeman.
ACT 20:5 Namoonni kunneen nu dura darbanii Xirooʼaasitti nu eegan.
ACT 20:6 Ayyaana Maxinoo booddee garuu Fiiliphisiyuusii dooniin kaanee bultii shan booddee warra kaan wajjin Xirooʼaasitti wal arganne; achis guyyaa torba turre.
ACT 20:7 Nus guyyaa jalqaba torban sanaatti buddeena caccabsuuf jennee walitti qabamne; Phaawulos namootatti haasaʼe. Innis waan guyyaa itti aanutti deemuu barbaadeef hamma halkan walakkaatti haasaa dheeresse.
ACT 20:8 Gulantaa darbii iddoo nu itti walitti qabamne keessa ibsaa baayʼeetu ture.
ACT 20:9 Dargaggeessi Awuxekiis jedhamu tokkos foddaa irra taaʼaa ture; yommuu Phaawulos haasaa dheeressettis hirribni cimaan isa fudhate; utuu hirribaan of wallaalee jiruus darbii sadaffaa irraa kufe; isaanis reeffa isaa lafaa fuudhan.
ACT 20:10 Phaawulosis gad buʼee dargaggeessa sana irratti gombifamee isa hammachuudhaan, “Lubbuun keessa jirtiitii hin rifatinaa!” jedhe.
ACT 20:11 Innis darbii sanatti ol deebiʼee buddeena caccabsee nyaate; hamma lafti bariituttis yeroo dheeraa isaan wajjin haasaʼe achii deeme.
ACT 20:12 Namoonnis dargaggeessa sana jiraataa taʼee manatti geessan; baayʼees ni jajjabaatan.
ACT 20:13 Nus Phaawulosin achii fuudhuuf jennee duraan dursinee gara doonii dhaqnee dooniidhaan Asoositti qajeelle; Phaawulos miillaan deemuuf jedhee ofuma isaatii waan kana karoorfatee tureetii.
ACT 20:14 Asoosittis isaan wal arginee dooniidhaan Miixiiliinitti dabarre.
ACT 20:15 Guyyaa itti aanuttis dooniin achii kaanee fuullee Kiiyos geenye; guyyaa tokko booddees Saamoositti baane; guyyaa itti aanu immoo Miilexoos geenye.
ACT 20:16 Phaawulosis yoo dandaʼameef waan guyyaa Pheenxeqoosxeetiin Yerusaalem gaʼuuf ariifateef akka biyya Asiyaa keessatti yeroon isa duraa hin dhumneef jedhee dooniidhaan Efesoon bira darbee deemuu murteeffatee ture.
ACT 20:17 Innis Miilexoosii Efesoonitti nama ergee jaarsolii waldaa kiristaanaa ofitti waamsise.
ACT 20:18 Isaan gara isaa dhufnaan akkana jedheen; “Ani gaafan biyya Asiyaa dhufe kan duraatii jalqabee yeroon isin wajjin jiraachaa ture sana hunda haala akkam keessa akka ani jiraachaa ture isin mataan keessan iyyuu beektu.
ACT 20:19 Ani yoon mala Yihuudootaatiin akka malee qorame illee gad of qabiisa guddaa fi imimmaaniin Gooftaa tajaajileera.
ACT 20:20 Utuu waan faayidaa isinii qabu tokko illee lallabuu irraa of hin qusatin akka ani mana tokkoo gara mana kaanii deemee ifatti baasee isin barsiise isinuu beektu.
ACT 20:21 Ani akka Yihuudoonnii fi Giriikonni qalbii jijjiirrachuudhaan gara Waaqaatti deebiʼanii fi akka isaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti amanan isaanitti himeera.
ACT 20:22 “Ammas ani utuu waan achitti narra gaʼuuf jiru hin beekin Hafuuraan dirqamee Yerusaalem dhaquuttin jira.
ACT 20:23 Hafuurri Qulqulluun immoo akka hidhamuu fi rakkachuun na eeggatu magaalaa hunda keessatti dhugaa naa baʼa.
ACT 20:24 Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Yesuus natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis wangeela ayyaana Waaqaatiif dhugaa baʼuu dha.
ACT 20:25 “Ani akka isin warra ani keessa nanaannaʼee mootummaa Waaqaa lallabe kanneen keessaa namni tokko iyyuu lammata na hin argine nan beeka.
ACT 20:26 Kanaafuu ani dhiiga nama hundaa irraa qulqulluu taʼuu koo harʼa isinitti nan hima.
ACT 20:27 Ani fedhii Waaqaa hunda isinitti himuu irraa of hin qusanneetii.
ACT 20:28 Isin of eegaa; karra hoolota Hafuurri Qulqulluun irratti Phaaphaasota isin godhe sanaa hundas eegaa. Waldaa Kiristaanaa Waaqaa kan inni dhiiga ofii isaatiin bitate sanaafis tiksoota taʼaa.
ACT 20:29 Erga ani deemee booddee akka yeeyyiiwwan hamoon dhufanii gidduu keessan seenan, akka isaan karra hoolotaa sana keessaa tokko illee hin hambifnes ani beeka.
ACT 20:30 Isinuma keessaa iyyuu namoonni barattoota of faana fudhachuuf jedhanii dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu.
ACT 20:31 Kanaafuu isin of eeggadhaa! Akka ani waggaa sadii halkanii guyyaa utuu gargar hin kutin imimmaaniin tokkoo tokkoo keessan gorsaa ture yaadadhaa.
ACT 20:32 “Ani amma Waaqatti, akkasumas dubbii ayyaana isaa kan isin ijaaruu dandaʼuu fi kan warra qulqullaaʼan hunda keessatti dhaala isinii kennuu dandaʼu sanatti isinin kennadha.
ACT 20:33 Ani meetii yookaan warqee yookaan uffata nama tokkoo iyyuu hin kajeelle.
ACT 20:34 Akka ani harkuma koo kanaan hojjedhee waan naa fi warra na wajjin jiraniif barbaachisu argamsiise isin mataan keessan iyyuu ni beektu.
ACT 20:35 Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.”
ACT 20:36 Innis waan kana dubbatee isaan hunda wajjin jilbeenfatee Waaqa kadhate.
ACT 20:37 Hundi isaaniis akka malee booʼaa morma Phaawulositti marmanii isa dhungatan.
ACT 20:38 Wanni akka malee isaan gaddisiise akka isaan yeroo sanaa jalqabanii lammata isa hin argine dubbachuu isaa ti. Ergasii isaan hamma dooniitti isa geggeessan.
ACT 21:1 Erga isaaniin gargar baanee booddees dooniidhaan kaanee utuu mirgaa bitaatti hin gorin Qoositti qajeelle. Guyyaa itti aanutti Roodees dhaqnee achii immoo Phaaxaraatti dabarre.
ACT 21:2 Doonii Finiiqeetti ceʼu tokkos argannee isa yaabbannee adeemsa itti fufne.
ACT 21:3 Yommuu Qophiroosin arguu dandeenyetti, harka bitaatti ishee dhiifnee Sooriyaatti qajeelle; nus iddoo dooniin keenya feʼiisa isaa itti buufachuuf ture Xiiroositti irraa buune.
ACT 21:4 Achitti barattoota argannee guyyaa torba isaan bira turre. Isaanis akka Phaawulos Yerusaalem hin dhaqneef Hafuura Qulqulluun isa akeekkachiisan.
ACT 21:5 Garuu yeroon keenya dhumnaan achii kaanee deemsa keenya itti fufne; barattoonni hundinuu niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii wajjin magaalattii keessaa nu baasanii nu geggeessan; nus qarqara galaanaatti jilbeenfannee kadhanne.
ACT 21:6 Erga nagaatti waliin jennee booddees doonii yaabbanne; isaan immoo mana isaaniitti deebiʼan.
ACT 21:7 Xiiroosii kaanee adeemsa keenya itti fufuudhaan Phitolemaayisitti galle; achittis obboloota dubbifnee guyyaa tokko isaan bira oolle.
ACT 21:8 Guyyaa itti aanutti achii kaanee Qiisaariyaa geenye; achittis mana lallabaa wangeelaa tokkoo mana Fiiliphoos isa warra torbaan keessaa tokko ture sanaa dhaqnee isa bira turre.
ACT 21:9 Innis ijoollee durbaa kanneen hin heerumin afur qaba ture; isaanis raajii dubbatu turan.
ACT 21:10 Erga nu guyyaa hedduu achi turree booddee raajiin Agaaboos jedhamu tokko Yihuudaadhaa gad buʼe.
ACT 21:11 Innis gara keenya dhufee sabbata Phaawulos fuudhee harkaa fi miilla ofii isaa hidhee, “Hafuurri Qulqulluun, ‘Yihuudoonni Yerusaalem jiraatan abbaa sabbata kanaa akkanatti hidhanii dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu’ jedha” jedhe.
ACT 21:12 Nus yommuu waan kana dhageenyetti akka Phaawulos Yerusaalemitti ol hin baaneef namoota achi jiran wajjin isa kadhanne.
ACT 21:13 Phaawulos immoo deebisee, “Isin maaliif boossanii garaa na raaftu? Ani maqaa Gooftaa Yesuusiitiif jedhee Yerusaalemitti hidhamuu qofa utuu hin taʼin duʼuuf illee qophaaʼeeraatii” jedhe.
ACT 21:14 Yommuu inni nuu sarmuu didettis, “Fedhiin Gooftaa haa taʼu” jennee dhiifne.
ACT 21:15 Guyyoota kanneen booddees qophoofnee Yerusaalemitti ol baane.
ACT 21:16 Barattoonni Qiisaariyaa keessaa tokko tokko nu miiltessanii gara mana Minaason nu geessan; innis nama Qophiroos kan barattoota durii keessaa tokko turee dha.
ACT 21:17 Yommuu nu Yerusaalem geenyetti obboloonni gammachuudhaan nu simatan.
ACT 21:18 Guyyaa itti aanuttis Phaawulos nu wajjin Yaaqoob bira dhaqe; jaarsoliin hundinuus achi turan.
ACT 21:19 Phaawulosis nagaa isaan gaafatee waan Waaqni tajaajila inni kenneen Namoota Ormaa keessatti hojjete hunda tokko tokkoon isaanii ibse.
ACT 21:20 Isaan yommuu waan kana dhagaʼanitti Waaqa galateeffatan. Phaawulosiinis akkana jedhan; “Yaa obboleessa, ati akka Yihuudoonni kuma hedduun amanan ni argita; hundi isaaniis hinaaffaa seeraaf qabu.
ACT 21:21 Ati akka Yihuudoonni Namoota Ormaa keessa jiraatan hundinuu ilmaan isaanii dhagna hin qabnee fi akka isaan akka duudhaa keenyaatti hin jiraanne itti himtee akka isaan seera Musee irraa gara galan barsiisuun kee isaanitti himameera.
ACT 21:22 Isaan akka ati dhufte dhugumaan ni dhagaʼu; egaa maal gochuu wayya?
ACT 21:23 Kanaaf ati waan nu sitti himnu godhi; namoonni wareega of irraa qaban afur nu bira jiru.
ACT 21:24 Akka isaan mataa isaanii haaddataniif namoota kanneen ofitti fuudhiitii isaan wajjin of qulqulleessiitii baasii isaanii ati baasi. Kanaanis namoonni hundinuu akka oduun waaʼee kee odeeffame sun dhugaa hin taʼin, akka ati mataan kee iyyuu seeraaf ajajamtee jiraattu ni beeku.
ACT 21:25 Waaʼee Namoota Ormaa kanneen amananii immoo akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagataniif nu murtii keenya isaaniif barreessineerra.”
ACT 21:26 Phaawulosis guyyaa itti aanutti namoota sana ofitti fuudhee isaan wajjin of qulqulleesse; ergasii immoo gaafa guyyoonni qulqullaaʼummaa sun itti xumuramanii fi yeroo itti aarsaan maqaa tokkoo tokkoo isaaniitiin dhiʼeeffamuu malu beeksisuuf mana qulqullummaa seene.
ACT 21:27 Yommuu guyyoonni torban sun xumuramuu gaʼanitti Yihuudoonni biyya Asiyaatii dhufan tokko tokko Phaawulosin mana qulqullummaa keessatti argan. Isaanis nama hundumaa kakaasanii isa qaban.
ACT 21:28 Iyyaniis, “Yaa namoota Israaʼel nu gargaaraa! Namichi kun nama saba keenyaan mormaa, seera keenyaa fi mana qulqullummaa mormaa nama hunda iddoo hundatti barsiisuu dha. Kana malees inni Giriikota mana qulqullummaatti ol galchee iddoo qulqulluu kana xureesseera” jedhan.
ACT 21:29 Isaan waan duraan namicha Efesoon kan maqaan isaa Xiroofiimoos jedhamu tokko Phaawulos biratti magaalaa keessatti arganii turaniif, waan Phaawulos mana qulqullummaatti ol isa galche seʼaniitii.
ACT 21:30 Magaalaan sunis guutummaatti ni raafamte; namoonnis karaa hundumaan fiigaa dhufan. Isaanis Phaawulosin qabanii lafa irra harkisaa mana qulqullummaatii gad baasan; yommusuma karroonni cufaman.
ACT 21:31 Utuu isaan isa ajjeesuu yaalanuu akka magaalaan Yerusaalem guutummaatti raafamaa jirtu oduun ajajaa waraana Roomaa gaʼe.
ACT 21:32 Innis yeruma sana loltootaa fi ajajjuuwwan dhibbaa tokko tokko fudhatee fiigichaan isaanitti gad buʼe. Isaanis yommuu ajajaa sanaa fi loltoota isaa arganitti Phaawulosin tumuu dhiisan.
ACT 21:33 Ajajaan sunis dhufee isa qabe; akka inni foncaa lamaan hidhamus ajaje; akka inni eenyu taʼee fi akka inni maal hojjechaa tures isa gaafate.
ACT 21:34 Tuuta sana keessaas garri tokko waan tokko jedhanii iyyaa, garri kaan immoo waan biraa jedhanii iyyaa turan; ajajaan sunis sababii waca namaatiif waan mirkana taʼe argachuu waan dadhabeef akka Phaawulos gara qubata loltootaatti geeffamu ajaje.
ACT 21:35 Phaawulos gulantaa ittiin gad baʼan bira geenyaan sababii goolii namootaatiif loltoonni isa baatan.
ACT 21:36 Namoonni hedduunis, “Isa ajjeesi!” jedhanii iyyaa duukaa buʼan.
ACT 21:37 Phaawulos yommuu loltoonni isa fuudhanii qubata loltootaatti ol isa galchuuf jedhanitti, ajajaa sanaan, “Akka ani waa sitti himu naa eeyyamtaa?” jedhee gaafate. Ajajaan sun immoo deebisee akkana jedhe; “Ati afaan Giriik ni dubbattaa?
ACT 21:38 Ati namicha biyya Gibxi kan dhiʼeenya kana goolii kaasee shororkeessitoota 4,000 fudhatee gammoojjiitti gale sana mitii?”
ACT 21:39 Phaawulosis, “Ani Yihuudii Xarsees magaalaa beekamtuu Kiilqiyaa keessaa sanaa ti. Maaloo, akka ani namoota kanatti dubbadhu naa eeyyami” jedhee deebise.
ACT 21:40 Phaawulos akkuma eeyyama ajajaa sanaa argateen gulantaa sana irra dhaabatee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne; yommuu isaan hundinuu calʼisanitti immoo afaan Araamaayikiitiin akkana jedheen.
ACT 22:1 “Yaa obbolootaa fi abbootii, falmata ani amma isin duratti dhiʼeeffadhu kana mee naa dhagaʼaa.”
ACT 22:2 Jarris yommuu isaa afaan Ibraayisxiitiin isaanitti dubbatu dhagaʼanitti kan duraa illee caalaa calʼisan. Phaawulosis akkana jedhe;
ACT 22:3 “Ani Yihuudii dha; magaalaa Xarsees ishee biyya Kiilqiyaa keessaa sanattin dhaladhe; garuu Yerusaalemittin guddadhe. Miilla Gamaaliyaal jalattis seera Abbootii keenyaa akka gaariitti baradhee, akkuma isin hundi harʼa hinaaftan kana anis Waaqaaf nan hinaafa ture.
ACT 22:4 Dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidhaa keessa isaan buusuudhaan duuka buutota karaa kanaa hamma duʼaatti ariʼadheera;
ACT 22:5 waan kanas lubni ol aanaanii fi waldaan jaarsolii guutuun ragaa naa baʼu. Anis xalayoota isaan gara obboloota warra Damaasqoo jiraniitti barreessan fudhadheen akka namoonni kunneen adabamaniif hidhee Yerusaalemitti isaan fiduuf achi nan dhaqe.
ACT 22:6 “Gara saafaatti, akkuma ani Damaasqootti dhiʼaadheen ifni guddaan isaa akkuma tasaa samii irraa naannoo kootti balaqqise.
ACT 22:7 Anis lafatti kufeen sagalee, ‘Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta?’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
ACT 22:8 “Anis, ‘Yaa Gooftaa ati eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Inni immoo deebisee, ‘Ani Yesuus nama Naazreeti isa ati ariʼattuu dha’ naan jedhe.
ACT 22:9 Warri na wajjin turanis ifa sana argan malee sagalee isa natti dubbachaa ture sanaa hin hubanne.
ACT 22:10 “Anis, ‘Yaa Gooftaa, ani maal godhu ree?’ jedhee gaafadhe. “Gooftaanis, ‘Kaʼii Damaasqoo seeni. Wanni akka ati hojjettuuf siif kaaʼame hundinuu achitti sitti himamaatii’ naan jedhe.
ACT 22:11 Anis sababii calaqqisa ifa sanaatiif homaa arguu dadhabnaan, warri na wajjin turan harka qabanii Damaasqootti na geessan.
ACT 22:12 “Namichi Anaaniyaas jedhamu kan sirriitti seera eegu tokko Yihuudoota achi jiraatan hunda biratti maqaa gaarii qaba ture.
ACT 22:13 Innis gara koo dhufee na bira dhaabatee, ‘Yaa obboleessa koo Saaʼol, agartuun kee siif haa deebiʼu!’ naan jedhe; agartuun koos yeruma sana naa deebiʼe. Anis isa arguu dandaʼe.
ACT 22:14 “Innis akkana jedhe; ‘Waaqni abbootii keenyaa akka ati fedhii isaa beektu, akka ati Isa Qajeelaa sana argituu fi akka afaan isaa irraa dubbii dhageessuuf si filateera.
ACT 22:15 Atis waan argitee fi waan dhageesse sana fuula nama hundumaa duratti isaaf dhugaa ni baata.
ACT 22:16 Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.’
ACT 22:17 “Anis Yerusaalemitti deebiʼee utuu mana qulqullummaa keessatti kadhannaatti jiruu akka waan of wallaaluu nan taʼe.
ACT 22:18 Gooftaa illee isaa, ‘Jarri kun waan ati waaʼee koo dhugaa baatu hin fudhataniitii dafii ammuma Yerusaalem keessaa baʼi!’ jedhee natti dubbatu nan arge.
ACT 22:19 “Anis deebiseen akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa jarri kun akka ani warra sitti amanan hidhuu fi tumuuf jedhee mana sagadaa tokko irraa gara isa biraatti darbaa ture beeku.
ACT 22:20 Yeroo dhiigni dhuga baatuu keetii, dhiigni Isxifaanos dhangalaafamettis ani ajjeefamuu isaatti namootaan walii galee achi dhaabadheen uffata warra isa ajjeesanii eegaa ture.’
ACT 22:21 “Gooftaanis, ‘Ani fagootti, gara Namoota Ormaatti sin ergaatii deemi’ naan jedhe.”
ACT 22:22 Namoonni sunis hamma inni dubbii kana dubbatutti isa dhagaʼaa turan; ergasiis sagalee isaanii ol fudhatanii, “Namni akkanaa jiraachuu hin qabuutii lafa irraa balleessaa!” jedhanii iyyan.
ACT 22:23 Utuu isaan uffata isaanii dadarbatanii, awwaaras qilleensa keessa bibittinneessanii iyyanuu,
ACT 22:24 ajajaan sun akka Phaawulos qubata loltootaatti ol galfamuu ajaje; innis waan namoonni akkas isatti iyyaniif beekuuf jedhee akka Phaawulos garafamee qoratamu ajaje.
ACT 22:25 Phaawulos immoo yommuu isaan isa garafuuf jedhanii teephaan isa hidhanitti ajajaa dhibbaa kan isa bira dhaabachaa tureen, “Lammii Roomaa tokko murtii malee garafuun isiniif ni eeyyamamaa?” jedhe.
ACT 22:26 Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gara ajajaa kumaa sanaa dhaqee, “Namichi kunoo lammii Roomaatii ati maal gochuu yaadda?” jedheen.
ACT 22:27 Ajajaan kumaa sunis Phaawulos bira dhaqee, “Mee natti himi; ati lammii Roomaatii?” jedhee gaafate. Innis, “Eeyyee” jedhee deebise.
ACT 22:28 Ajajaan kumaa sunis, “Ani lammummaa kana argachuudhaaf gatii guddaa baase” jedhe. Phaawulos immoo deebisee, “Ani garuu ittin dhaladhe” jedhe.
ACT 22:29 Warri isa qoruuf yaadanis yommusuma isa irraa deebiʼan; ajajaan kumaa sunis yommuu akka Phaawulos lammii Roomaa taʼee fi akka ofii isaatii immoo Phaawulosin foncaan hidhe hubatetti ni rifate.
ACT 22:30 Ajajaan kumaa sun sababii Yihuudoonni Phaawulosin himataniif sirriitti beekuu fedhee guyyaa itti aanu isa hiikee akka luboonni hangafoonnii fi waldaan Yihuudootaa hundi walitti qabaman ajaje. Ergasii immoo Phaawulosin fidee akka inni fuula isaanii duratti dhiʼaatu godhe.
ACT 23:1 Phaawulos xiyyeeffatee yaaʼii sana ilaalee, “Yaa obboloota ko, ani hamma guyyaa harʼaatti fuula Waaqaa dura yaada gaariidhaan jiraadheera” jedhe.
ACT 23:2 Kana irratti Anaaniyaas lubni ol aanaan akka warri Phaawulos bira dhaabachaa turan sun afaan isaa keessa dhaʼan ajaje.
ACT 23:3 Phaawulosis deebisee, “Ati keenyan nooraa dibame, Waaqni si rukuta! Seeraan natti muruuf jettee achi teessee atumti mataan kee immoo akka ani dhaʼamu ajajuudhaan seera cabsitaa?” jedhe.
ACT 23:4 Warri Phaawulos bira dhaabachaa turanis; “Ati akkam luba Waaqaa ol aanaa tokko arrabsita?” jedhaniin.
ACT 23:5 Phaawulos immoo deebisee, “Yaa obboloota, ani akka inni lubicha ol aanaa taʼe hin beekne; ‘Waaʼee bulchaa saba keetii hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameeraatii” jedhe.
ACT 23:6 Phaawulos yommuu akka isaan keessaa garri tokko Saduuqota, garri kaan immoo Fariisota taʼan beeketti, “Yaa obboloota ko, ani Fariisicha ilma Fariisii ti. Ani sababii akka warri duʼan duʼaa kaʼan abdadhuuf qoramuuf dhiʼaadheera” jedhe.
ACT 23:7 Yommuu inni waan kana dubbatetti Fariisotaa fi Saduuqota gidduutti falmiin uumame; yaaʼiin sun gargar qoodame.
ACT 23:8 Saduuqonni, “Duʼaa kaʼuun hin jiru, ergamoonnis, hafuuronnis hin jiran” jedhu; Fariisonni garuu akka kunneen hundinuu jiran amanu.
ACT 23:9 Wacni guddaanis uumame; barsiistonni seeraa tokko tokkos garee Fariisotaa keessaa kaʼanii, “Nu balleessaa tokko illee namicha kana irratti hin arganne; Hafuura yookaan ergamaa Waaqaatu isatti dubbate taʼinnaa?” jedhanii cimsanii dubbatan.
ACT 23:10 Ajajaan kumaa sunis yommuu falmiin jabaachaa deemetti jarri kun Phaawulosin cicciru jedhee sodaate. Kanaaf akka loltoonni dhaqanii humnaan achii isa fuudhanii qubata loltootaatti ol galchan ajaje.
ACT 23:11 Gooftaanis halkan itti aanutti Phaawulositti mulʼatee, “Jabaadhu! Akkuma Yerusaalem keessatti waaʼee koo dhugaa baate sana Roomaa keessattis dhugaa baʼuu qabdaatii” jedheen.
ACT 23:12 Yihuudoonni tokko tokko barii guyyaa itti aanuu mariʼatanii akka hamma Phaawulosin ajjeesanitti waa hin nyaanne yookaan waa hin dhugne walii kakatan.
ACT 23:13 Namoota afurtamaa oltu maree kana irratti hirmaate.
ACT 23:14 Isaanis gara luboota hangafootaatii fi gara maanguddootaa dhaqanii akkana jedhan; “Nu hamma Phaawulosin ajjeefnutti akka homaa afaaniin hin qabne jabeessinee kakanneerra.
ACT 23:15 Kanaafuu isinii fi waldaan Yihuudootaa waan waaʼee Phaawulos sirriitti cimsitanii qorachuu barbaaddan fakkeessaatii akka ajajaan kumaa sun Phaawulosin gara keessanitti gad ergu kadhadhaa; nu utuu inni achi hin gaʼin isa ajjeesuuf qophoofneerraatii.”
ACT 23:16 Garuu ilmi obboleettii Phaawulos yommuu maree kana dhagaʼetti qubata loltootaatti ol galee Phaawulositti hime.
ACT 23:17 Phaawulosis ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama tokko waamee, “Dargaggeessi kun waan isatti himu qabaatii mee ajajaa kumaatti isa geessi” jedheen.
ACT 23:18 Innis ajajaa kumaa sanatti isa geesse. Ajajaan dhibbaa sunis, “Phaawulos inni mana hidhaa jiru sun na waamsisee waan dargaggeessi kun waan sitti himu qabuuf akka ani isa sitti fidu na kadhate” jedheen.
ACT 23:19 Ajajaan kumaas dargaggeessa sana harka qabee kophaatti baasee, “Wanni ati natti himuu barbaaddu maali?” jedhee gaafate.
ACT 23:20 Dargaggeessi sunis akkana jedhe; “Yihuudoonni waan waaʼee isaa sirriitti cimsanii qoruu barbaadan fakkeessanii akka ati Phaawulosin bori gara yaaʼii Yihuudootaatti gad ergitu si kadhachuuf walii galaniiru.
ACT 23:21 Waan isaan keessaa namoonni afurtamaa oli taʼan riphanii isa eeggachaa jiraniif ati isaan jalaa hin qabin. Isaan akka hamma isa ajjeesanitti homaa hin nyaanne yookaan hin dhugne kakataniiru; qophaaʼaniis eeyyama kee eeggachaa jiru.”
ACT 23:22 Ajajaan kumaa sunis, “Ati akka waan kana natti himte nama tokkotti iyyuu hin dubbatin” jedhee dargaggeessa sana akeekkachiisee gad dhiise.
ACT 23:23 Ergasii inni ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama lama waamee akkana jedhee ajaje; “Akka loltoonni dhibbi lama, abbootiin fardaa torbaatamnii fi warri eeboo qabatan dhibbi lama edana saʼaatii sadiitti Qiisaariyaa dhaqaniif qopheessaa.
ACT 23:24 Phaawulosiifis farda inni yaabbatu qopheessaatii gara Feeliksi Bulchaa Biyyaatti nagaan geessaa.”
ACT 23:25 Innis akkana jedhee xalayaa tokko barreesse.
ACT 23:26 Qilaawudewoos Liisiiyaas irraa, Gara bulchaa kabajamaa, gara Feeliksi: Nagaa jirtaa.
ACT 23:27 Yihuudoonni namicha kana qabanii ajjeesuu barbaadaa turan; ani garuu akka inni lammii Roomaa taʼe beekee loltoota koo wajjin dhaqee isa baase.
ACT 23:28 Anis waan isaan isa himataniif beekuu barbaadeen fuula waldaa isaanii duratti isa dhiʼeesse.
ACT 23:29 Ani akka inni waaʼee gaaffii seera isaaniitiin himatame arge malee akka inni waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokkumaanuu himatame hin argine.
ACT 23:30 Ani yeroo akka isaan namicha sanatti mariʼatan dhagaʼetti dafee isa sitti erge. Warra isa himatanis akka isaan himata isaanii sittan dhiʼeeffatan ajajeera.
ACT 23:31 Kanaaf loltoonni sun akkuma ajajaman sana Phaawulosin fuudhanii halkaniin Antiiphaaxriisitti geessan.
ACT 23:32 Isaanis guyyaa itti aanutti akka abbootiin fardaa isa wajjin deeman godhanii ofii immoo qubata loltootaatti deebiʼan.
ACT 23:33 Abbootiin fardaa sunis yommuu Qiisaariyaa gaʼanitti xalayaa sana bulchaatti kennan; Phaawulosinis fuula isaa dura dhiʼeessan.
ACT 23:34 Bulchaan sunis erga xalayaa sana dubbifatee booddee, akka inni biyya kamii dhufe isa gaafate. Yommuu akka inni Kiilqiyaadhaa dhufe beekettis,
ACT 23:35 “Ani yeroo himattoonni kee as gaʼanitti dubbii kee nan dhagaʼa” jedhe. Innis ergasii akka Phaawulos masaraa Heroodis keessatti eegamus ajaje.
ACT 24:1 Guyyaa shan booddee Anaaniyaas lubni ol aanaan maanguddoota tokko tokkoo fi abukaattoo Xerxuloos jedhamu tokko wajjin Qiisaariyaatti gad buʼe; isaanis waan ittiin Phaawulosin himatan bulchaa duratti dhiʼeeffatan.
ACT 24:2 Yommuu Phaawulos waamamee ol galetti, Xerxuloos akkana jedhee himata isaa Feeliksi duratti dhiʼeeffate; “Yaa Feeliksi kabajamaa, nu bara kee keessa yeroo dheeraa nagaan jiraanneera; ogummaan kees saba kanaaf geeddarama fideera.
ACT 24:3 Yaa Feeliksi kabajamaa, nu waan kana karaa hundumaa fi iddoo hundatti galata guddaadhaan ni fudhanna.
ACT 24:4 Garuu ani akka hammana irra si hin dadhabsiifneef akka ati gabaabumatti gara laafinaan nu dhageessu sin kadhadha.
ACT 24:5 “Nu akka namichi kun dhukkuba hamaa taʼee Yihuudoota addunyaa guutuu irra jiran hunda keessatti goolii kaasaa jiru argineerra. Inni hoogganaa garee Naazirootaa ti.
ACT 24:6 Inni mana qulqullummaa iyyuu xureessuu yaaleera; nu immoo akka seera keenyaatti itti muruuf jennee isa qabne. [
ACT 24:7 Garuu Luusiyoos ajajaan kumaa sun dhufee humna guddaan harka keenya keessaa isa baase; akka himattoonni isaa fuula kee duratti dhiʼaatanis ni ajaje.]
ACT 24:8 Ati mataan kee iyyuu isa qoruudhaan waaʼee waan nu isa himannu kanaa hunda beekuu ni dandeessa.”
ACT 24:9 Yihuudoonnis akka dubbiin kun dhugaa taʼe mirkaneessanii himata sana deeggaran.
ACT 24:10 Phaawulosis yommuu bulchaan sun akka inni dubbatuuf harkaan mallattoo kenneefitti akkana jedhee deebii kenne; “Ani waan akka ati waggoota hedduuf abbaa murtii saba kanaa taate beekuuf falmii koo gammachuudhaan nan dhiʼeeffadha.
ACT 24:11 Akkuma ati rakkoo malee mirkaneeffachuu dandeessu ani waaqeffachuuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼuun koo guyyaa kudha lama hin caalu.
ACT 24:12 Warri na himatan kun anaa mana qulqullummaa keessatti yookaan manneen sagadaa keessatti yookaan magaalaa keessatti nama tokkoon illee falmu yookaan uummata kakaasu na hin arganne.
ACT 24:13 Isaan waan amma ittiin na himachaa jiran kanas siif mirkaneessuu hin dandaʼan.
ACT 24:14 Taʼus ani akka nama karaa isaan garee mormitootaa jedhaniin sana duukaa buʼu tokkootti akka Waaqa abbootii keenyaa waaqeffadhu fuula kee duratti nan amana. Waan seera Museetiin walii galuu fi waan kitaabota raajotaa keessatti barreeffame hundas nan amana.
ACT 24:15 Anis akkuma jara kanaa akka duʼaa kaʼuun qajeeltotaatii fi hamootaa jiraatu Waaqa nan abdadha.
ACT 24:16 Kanaafuu ani akka yeroo hunda Waaqaa fi nama duratti yaada qulqulluu qabaadhu nan tattaaffadha.
ACT 24:17 “Anis bara baayʼee hiyyeeyyii saba kootiitiif gargaarsa kennuuf, Waaqaafis aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Yerusaalem dhufe.
ACT 24:18 Yeroo ani waan kana hojjechaa turettis isaan anaa qulqullaaʼee jiru mana qulqullummaa keessatti na argan. Tuunni tokko iyyuu na bira hin turre; anis goolii keessatti hin hirmaanne.
ACT 24:19 Garuu Yihuudoonni biyya Asiyaa kanneen yoo waan ittiin na himatan tokko illee narraa qabaatan si duratti as dhiʼaatanii na himachuu malan tokko tokko jiru.
ACT 24:20 Yookaan warri as jiran kunneen yakka yeroo ani fuula Waldaa Yihuudootaa dura dhaabadhe sana narratti argan haa himan;
ACT 24:21 waan ani yeroo fuula isaanii dura dhaabadhe sana iyyee, ‘Ani harʼa waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii irratti qoramuuf jedhee fuula keessan dura dhaabadheera’ jedhe tokkicha sana malee yoo jiraate haa himan.”
ACT 24:22 Feeliksi garuu waan waaʼee Karaa sanaa sirriitti beekuuf, “Ani gaafa Liisiiyaas ajajaan kumaa sun dhufutti dubbii keessan nan murteessa” jedhee yeroo biraatti dabarse.
ACT 24:23 Innis akka ajajaan dhibbaa sun Phaawulosin eegumsa jala tursu, garuu akka haala isaa itti furuu fi akka michoonni isaas waan isa barbaachisu kam iyyuu isaaf dhiʼeessan eeyyamuuf ajaje.
ACT 24:24 Feeliksis bultii muraasa booddee niitii isaa Diruusiilaa ishee Yihuudii turte wajjin dhufe; innis Phaawulosin waamsisee isaa waaʼee Kiristoos Yesuusitti amanuu dubbatu dhaggeeffate.
ACT 24:25 Yommuu Phaawulos waaʼee qajeelummaa, waaʼee of qabuutii fi waaʼee murtii kan dhufuuf jiru sanaa dubbatetti Feeliksi sodaatee, “Ammaaf ni gaʼaatii deemi! Yommuu naa mijaaʼutti anuu sin waamsisaatii” jedhe.
ACT 24:26 Yeroodhuma sanattis inni akka waan Phaawulos mattaʼaa isaaf kennuutti waan abdachaa tureef ammuma amma waamsisee isa wajjin haasaʼaa ture.
ACT 24:27 Phoorqiyoos Fesxoos erga waggaan lama darbee booddee iddoo Feeliksi qabate; Feeliksis waan Yihuudoota gammachiisuu barbaadeef Phaawulosin manuma hidhaatti dhiise.
ACT 25:1 Fesxoosis biyya sana gaʼee guyyaa sadii booddee Qiisaariyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼe;
ACT 25:2 achittis luboonni hangafoonnii fi dura buʼoonni Yihuudootaa fuula isaa duratti dhiʼaatanii himata Phaawulos irraa qaban dhiʼeeffatan.
ACT 25:3 Isaanis waan karaatti riphanii Phaawulosin ajjeesuuf qophaaʼaa turaniif akka Fesxoos isaan deeggaree nama ergee gara Yerusaalem isa fichisiisu kadhatan.
ACT 25:4 Fesxoos immoo akkana jedhee deebise; “Phaawulos Qiisaariyaatti eegamaa jira; ani mataan koo iyyuu dhiʼeenyatti achi nan dhaqa.
ACT 25:5 Kanaafuu abbootii taayitaa keessan keessaa tokko tokko na wajjin deemanii yoo namichi sun balleessaa wayii qabaate achitti isa haa himatan.”
ACT 25:6 Innis erga guyyaa saddeeti yookaan kudhan isaan bira bubbulee booddee Qiisaariyaatti gad buʼe; guyyaa itti aanuttis barcuma murtii irra taaʼee akka Phaawulos fuula isaa duratti dhiʼeeffamu ajaje.
ACT 25:7 Yommuu Phaawulos dhiʼaatettis Yihuudoonni Yerusaalemii gad buʼan sun isatti naannaʼanii dhaabachuun himata ciccimaa hedduu isa irratti dhiʼeessan; garuu amansiisuu hin dandeenye.
ACT 25:8 Phaawulosis, “Ani seera Yihuudootaa irratti yookaan mana qulqullummaa irratti yookaan Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhee falmate.
ACT 25:9 Fesxoosis Yihuudoota gammachiisuuf jedhee Phaawulosiin, “Ati Yerusaalemitti ol baatee himata kana irratti fuula koo duratti qoratamuu ni feetaa?” jedhe.
ACT 25:10 Phaawulos garuu akkana jedhee deebise; “Ani amma barcuma murtii Qeesaar dura, iddoo itti qoratamuu qabu dhaabadheen jira; akkuma ati mataan kee iyyuu sirriitti beektu ani yakka tokko illee Yihuudoota irratti hin hojjenne.
ACT 25:11 Taʼus ani utuu balleessaa duʼa natti mursiisu tokko illee hojjedhee silaa duʼa jalaa baʼuuf hin carraaqu; garuu yoo wanni Yihuudoonni kunneen ittiin na himatan dhugaa hin taʼin, namni tokko iyyuu dabarsee harka isaaniitti na kennuuf mirga hin qabu. Ani Qeesaaritti oli nan iyyadha!”
ACT 25:12 Fesxoosis erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booddee, “Ati Qeesaaritti ol iyyatteerta; gara Qeesaar ni dhaqxa!” jedhe.
ACT 25:13 Bultii muraasa booddee Agriiphaa mootichii fi Barniiqeen Fesxoos simachuuf Qiisaariyaa dhaqan.
ACT 25:14 Fesxoosis isaan guyyaa hedduu achi bubbullaan akkana jedhee waaʼee himata Phaawulos mooticha wajjin dubbate; “Namichi Feeliksi mana hidhaa keessatti dhiisee deeme tokko as jira.
ACT 25:15 Yeroo ani Yerusaalem turetti luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni Yihuudootaa isa himatanii akka itti muramu kadhatan.
ACT 25:16 “Anis akka namni kam iyyuu akka seera biyya Roomaatti utuu fuula himattoota isaa duratti dhiʼaatee himata sana mormachuuf carraa hin argatin dabarfamee kennamuu hin qabne isaanitti himeera.
ACT 25:17 Kanaafuu ani yommuu isaan na wajjin as dhufanitti barcuma murtii irra taaʼeen akka namicha natti fidan ajaje malee dubbii sana lafa irra hin harkifne.
ACT 25:18 Himattoonni isaas yommuu dubbachuuf kaʼanitti yakka ani ittiin isa himatu jedhee eege keessaa tokko illee isa irratti hin dhiʼeessine.
ACT 25:19 Garuu isaan waaʼee amantaa isaaniitii fi waaʼee namicha duʼe kan Yesuus jedhamu isa Phaawulos immoo, ‘Inni jiraataa dha’ jedhee falmuu tokkoo irratti wal dhaban.
ACT 25:20 Anis akka itti dubbii sana qoradhu wallaale; kanaaf inni Yerusaalem dhaqee himata kana irratti qoratamuuf fedhii qabuu fi akka inni hin qabne isa gaafadhe.
ACT 25:21 Garuu yommuu Phaawulos murtii Awugisxoos Qeesaar argachuuf jedhee turfamuu kadhatetti ani akka inni hamma ani Qeesaaritti isa ergutti eegamu nan ajaje.”
ACT 25:22 Agriiphaanis Fesxoosiin, “Ani mataan koo namicha kana dhagaʼuu nan barbaada” jedhe. Inni immoo deebisee, “Bori isa dhageessa” jedheen.
ACT 25:23 Guyyaa itti aanuttis Agriiphaa fi Barniiqeen ulfina guddaan dhufanii Ajajjuuwwan kumaatii fi gurguddoota magaalaa wajjin galma wal gaʼii seenan. Fesxoos ajajnaan Phaawulosin ol galchan.
ACT 25:24 Fesxoosis akkana jedhe; “Yaa Agriiphaa mooticha, warri nu wajjin as jirtan hundinuus isin namicha kana ni argitu! Hawaasni Yihuudootaa guutummaatti, ‘Namichi kun siʼachi jiraachuu hin qabu’ jedhanii waaʼee isaa Yerusaalemittii fi as Qiisaariyaatti iyyanii na kadhatan.
ACT 25:25 Ani waan duʼaan isa gaʼu kan inni hojjete tokko illee hin argine; ani garuu sababii inni Awugisxoositti ol iyyateef gara Roomaatti isa erguu nan murteesse.
ACT 25:26 Ani waaʼee namicha kanaa waan ifatti baʼe kan gooftaa kootiif barreessu tokko illee hin qabu; kanaafuu ani erga isa qorannee booddee akka waan barreessu argadhuuf jedhee fuula hunda keessanii duratti, keessumattuu yaa Agriiphaa mooticha, fuula kee duratti isa dhiʼeesseera.
ACT 25:27 Ani nama hidhame tokko utuu waan inni ittiin himatame ifatti hin baasin ol dabarsuu qajeela hin seʼuutii.”
ACT 26:1 Agriiphaan Phaawulosiin, “Akka ati ofii keetiif dubbattu siif eeyyamameera” jedhe. Phaawulosis harkaan mallattoo kennee akkana jedhee falmachuu jalqabe;
ACT 26:2 “Yaa Agriiphaa Mooticha, ani sababii waan Yihuudoonni ittiin na himatan hunda falmachuudhaaf jedhee harʼa fuula kee dura dhaabadhuuf akka ayyaantuu tokkoottin of ilaala.
ACT 26:3 Kunis waan ati duudhaa fi wal mormii Yihuudootaa hunda keessa beektuufii dha. Kanaafuu ani akka ati obsaan na dhaggeeffattu sin kadhadha.
ACT 26:4 “Ani ijoollummaa kootii jalqabee saba koo keessatti, Yerusaalem keessattis akkamitti akka jiraachaa ture Yihuudoonni hundinuu ni beeku.
ACT 26:5 Akka ani akka Fariisicha tokkootti akkuma sirna garee akka malee amantaa keenyatti cichu sanaatti jiraadhe isaanuu bara dheeraa waan na beekaniif, yoo fedhii qabaatan dhugaa baʼuu ni dandaʼu.
ACT 26:6 Ammas ani waadaa Waaqni abbootii keenyaaf gale sana waan abdadhuuf qoratamuuf dhiʼaadheen as jira.
ACT 26:7 Waadaan kun isuma gosoonni keenya kudha lamaan halkanii guyyaa Waaqa tajaajiluutti jabaatanii raawwatamuu isaa arguu hawwan sanaa dha. Yaa Agriiphaa Mooticha, Yihuudoonnis sababuma abdii kanaatiif na himachaa jiru.
ACT 26:8 Akka Waaqni warra duʼan duʼaa kaasu isin maaliif akka waan hin amanamne tokkootti herregdu?
ACT 26:9 “Ani mataan koo iyyuu maqaa Yesuus nama Naazreetiitiin mormuudhaaf akka waan dandaʼamu hunda gochuu qabu nan amana ture.
ACT 26:10 Wanni ani Yerusaalem keessatti hojjedhes kanuma; ani taayitaa luboota hangafoota irraa argadheen qulqulloota baayʼee mana hidhaatti naquu qofa utuu hin taʼin yeroo isaan ajjeefaman iyyuu dubbicha irratti walii galaan ture.
ACT 26:11 Anis akka isaan adabamaniif yeroo baayʼee mana sagadaa tokko irraa gara mana sagadaa biraatti darbaa, akka isaan amantii isaanii arrabsaniifis isaan dirqisiisaan ture. Ani waan akka malee isaanitti aaraa tureef hamma magaalaawwan biyya alaatti illee deemee isaan ariʼachaan ture.
ACT 26:12 “Anis gaafa tokko kanumaaf jedhee taayitaa fi ergama luboota hangafoota biraa fudhadhee utuun Damaasqoo deemaa jiruu,
ACT 26:13 yaa mooticha, ani utuman karaa deemaa jiruu gara saafaatti ifa ifa aduu caalaa ibsu tokko isaa samii irraa naannoo koottii fi naannoo warra na wajjin deemaniitti ibsu arge.
ACT 26:14 Hundi keenya lafatti kukkufne; anis sagalee afaan Ibraayisxiitiin ‘Yaa Saaʼol, yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta? Arfii wayii dhiituun suma miidha’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
ACT 26:15 “Anis, ‘Yaa Gooftaa ati Eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Gooftaanis deebisee akkana jedhe; ‘Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha.
ACT 26:16 Amma kaʼii miilla keetiin dhaabadhu. Ani akka ati tajaajilaa koo taatee, waaʼee koos waan argitee fi waan ani sitti mulʼisuuf jiru dhugaa baatuuf si muuduuf jedhee sitti mulʼadheera.
ACT 26:17 Ani saba keetii fi Namoota Ormaa kanneen gara isaaniitti si ergu jalaa sin baasa.
ACT 26:18 Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’
ACT 26:19 “Kanaafuu yaa Agriiphaa Mooticha, ani mulʼata samii irraa dhufe sanaaf ajajamuu hin didne.
ACT 26:20 Anis akka isaan qalbii jijjiirratanii gara Waaqaatti deebiʼaniif, qalbii jijjiirrachuu isaaniis akka hojiidhaan mirkaneessaniif jalqabatti warra Damaasqootti, warra Yerusaalemiitti, warra Yihuudaa guutuutti akkasumas Namoota Ormaatti lallabeera.
ACT 26:21 Sababiin Yihuudoonni mana qulqullummaa keessatti na qabanii na ajjeesuu yaalaniifis kanuma.
ACT 26:22 Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Waaqaa qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan raajonnii fi Museen ‘Ni taʼa’ jedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu.
ACT 26:23 Kunis akka Kiristoos dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha.”
ACT 26:24 Utuma Phaawulos akkasitti falmachaa jiruu Fesxoos sagalee guddaan, “Phaawulos, ati maraatteerta! Barumsi kee guddaan sun si maraachisaa jira” jedheen.
ACT 26:25 Phaawulosis akkana jedhee deebise; “Yaa Fesxoos kabajamaa, ani hin maraanne; wanni ani dubbachaa jirus dhugaa dha; sirrii dhas.
ACT 26:26 Sababii mootichi waan kana beekuuf, ani ifatti baasee isatti himuu nan dandaʼa. Sababii wanni kun suuqatti hin hojjetaminiif ani akka waan kana keessaa tokko iyyuu isa duraa hin dhokatin nan amana.
ACT 26:27 Yaa Agriiphaa Mooticha, ati raajota ni amantaa? Akka ati amantu ani iyyuu beeka.”
ACT 26:28 Agriiphaanis Phaawulosiin, “Ati yeruma gabaabaa keessatti Kiristaana na gochuu yaaddaa?” jedhe.
ACT 26:29 Phaawulosis deebisee, “Yeroo gabaabaattis taʼu dheeraatti, si qofa utuu hin taʼin akka warri na dhagaʼaa jiran hundinuu foncaa kanaan hidhamuu malee akkuma koo akka taʼan ani Waaqa nan kadhadha” jedhe.
ACT 26:30 Kana irratti mootichi, bulchaanii fi Barniiqeen, akkasumas warri isaan wajjin tataaʼaa turan ol kaʼan.
ACT 26:31 Isaanis yeroo gad baʼanitti, “Namichi kun waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne” wajjin jedhan.
ACT 26:32 Agriiphaanis Fesxoosiin, “Namichi kun utuu Qeesaaritti ol iyyachuu baatee silaa ni hiikama ture” jedhe.
ACT 27:1 Yommuu dooniin Iixaaliyaa dhaquun keenya murteeffametti, Phaawulosii fi warri hidhaman biraa ajajaa dhibbaa kan Yuuliyoos jedhamu tokkotti dabarfamanii kennaman; innis miseensa kutaa waraanaa “Awugisxoos” jedhamu tokkoo ture.
ACT 27:2 Nus doonii Adraamiixoosii kaʼee gara buufatawwan doonii kanneen qarqara galaana biyya Asiyaa dhaquuf kaʼe tokko yaabbannee deemuu jalqabne. Arisxirokoos namichi Maqedooniyaa kan Tasaloniiqee jiraatu tokkos nu wajjin ture.
ACT 27:3 Guyyaa itti aanutti Siidoonaatti galle; Yuuliyoosis Phaawulosiif garaa laafee akka inni michoota isaa bira dhaqee waan isa barbaachisu argatu eeyyameef.
ACT 27:4 Nus dooniin achii kaanee waan bubbeen fuula keenya duraan nutti bubbisaa tureef Qophiroosiin daʼannee dabarre.
ACT 27:5 Erga galaana Kiilqiyaa fi Phamfiliyaa irra dooniin darbinee booddee magaalaa Miiraa kan Luuqiiyaa keessatti argamtu geenye.
ACT 27:6 Ajajaan dhibbaa sunis doonii Iskindiriyaa kan Iixaaliyaa dhaquutti jiru tokko achitti argatee nu yaabbachiise.
ACT 27:7 Nus guyyaa hedduu suuta jennee dooniin deemnee rakkinaan naannoo Kiniidoos geenye; yommuu bubbeen karaa sana irra darbuu nu dhowwettis Salmoonee biraan gara daʼoo Qareexitti qajeelle.
ACT 27:8 Rakkina guddaadhaanis qarqara galaanichaa irra darbinee iddoo “Buufata doonii gaarii” jedhamu kan magaalaa Laasiyaa biraa tokkotti baane.
ACT 27:9 Yeroon dheeraan badeera; sababii yeroon sun erga Soomni darbee taʼeef dooniidhaan karaa deemuun sodaachisaa taʼeera; kanaafuu Phaawulos akkana jedhee isaan akeekkachiise;
ACT 27:10 “Yaa jarana, ani akka karaan keenya kun badiisa of keessaa qabu, akka inni doonichattii fi miʼa qofatti utuu hin taʼin jireenya keenyatti illee balaa guddaa fiduuf deemu nan arga.”
ACT 27:11 Ajajaan dhibbaa sun garuu qooda waan Phaawulos jedhe dhagaʼu gorsa ooftuu dooniitii fi gorsa abbaa doonii fudhate.
ACT 27:12 Sababii buufanni doonii sun ganna achi turuuf mijaaʼaa hin taʼiniif baayʼeen isaanii Finiiqeetti galanii ganna achitti dabarsuu abdatanii akka nu ittuma fufnee dooniin deemnu murteessan. Buufanni Qareexi kun fuulli isaa gara kibba dhiʼaattii fi gara kaaba dhiʼaatti deebiʼee ture.
ACT 27:13 Yeroo bubbeen kibbaa suuta bubbisuu jalqabetti waan kaayyoo isaanii guutachuu dandaʼan seʼanii hiituu doonii hiikanii Qareexi biraan qarqara galaana irra darban.
ACT 27:14 Utuu hin turinis bubbeen hamaan, “Awuraaqiis” jedhamu tokko biyya bishaaniin marfamte sana irraa gad bubbise.
ACT 27:15 Dooniin sunis bubbeedhaan qabamee gara bubbee sanaatti deemuu dadhabe; kanaafuu akka inni bubbeen fudhatamuuf ittuma dhiifne.
ACT 27:16 Nus biyya bishaaniin marfamte xinnoo Qeedaa jedhamtu tokkoon daʼannee rakkina guddaadhaan bidiruu doonichaa oolchuu dandeenye.
ACT 27:17 Namoonni sunis bidiruu sana dooniitti ol baasanii akka dooniin sun gargar hin diigamneef funyoon xaxanii walitti hidhan. Isaanis tima cirracha Sirtiisitti buʼuu sodaatanii hiituu doonii galaanatti gad buusanii akka dooniin sun bubbeen oofamtuuf ittuma dhiisan.
ACT 27:18 Waan bubbeen sun akka malee nutti jabaachaa deemeef isaan guyyaa itti aanutti doonii sana irraa feʼiisa guuranii bishaanitti dadarbachuu jalqaban.
ACT 27:19 Guyyaa sadaffaatti immoo miʼa doonii sanaa harkuma ofii isaaniitiin dadarbatan.
ACT 27:20 Nu waan utuu aduu yookaan urjii hin argin guyyaa hedduu turree fi waan bubbeen nutti jabaateef dhuma irratti abdii badiisa ooluuf qabnu hunda ni kutanne.
ACT 27:21 Phaawulosis erga namoonni sun agabuu isaanii yeroo dheeraa turanii booddee gidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe; “Yaa jarana, isin utuu gorsa koo dhageessanii Qareexii kaʼuu hin qabdan ture; silaa balaa fi badiisa kana hundumaa irraa of oolchitu turtan.
ACT 27:22 Amma garuu ani akka isin jabaattan isinan gorsa; doonicha malee isin keessaa lubbuun nama tokkoo iyyuu hin baduutii.
ACT 27:23 Ergamaan Waaqa ani kan isaa taʼee fi isa tajaajilu sanaa tokko eda dhufee na cina dhaabatee,
ACT 27:24 ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin; ati Qeesaar dura dhaabachuu qabdaatii; kunoo, Waaqni warra si wajjin deemaa jiran hunda gaarummaa isaatiin sitti kenneera’ naan jedhe.
ACT 27:25 Kanaaf yaa jarana jabaadhaa! Ani akka wanni kun akkuma natti himame sana taʼu Waaqa nan amanaatii.
ACT 27:26 Taʼus biyya bishaaniin marfamte tokkotti buʼuun keenya hin oolu.”
ACT 27:27 Halkan kudha afuraffaatti utuu galaana Adiriyaa irra asii fi achi oofamaa jirruu gara halkan walakkaatti warri doonii irra hojjetan sun waan gara lafaatti dhiʼaatan seʼan.
ACT 27:28 Isaan funyoo ittiin gad fageenya galaanaa ilaalan gad buusanii akka galaanni sun meetira soddomii torba gad fagaatu argan; yeroo gabaabaa booddee ammas funyoo sana gad buusanii akka gad fageenyi galaanichaa meetira digdamii saddeet taʼe argan.
ACT 27:29 Isaanis kattaatti buuna jedhanii sodaatanii hiituu doonii afur dugda duubaan doonii irraa gad buusan. Akka lafti bariituufis kadhatan.
ACT 27:30 Warri doonii irra hojjetanis bidiruu keessaa baqachuuf jedhanii waan fuula doonii duraan hiituu doonii buusan fakkaatanii bidiruu sana galaana keessa buusan.
ACT 27:31 Phaawulos immoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, “Yoo namoonni kunneen doonii keessatti hafan malee isin badii ooluu hin dandeessan” jedhe.
ACT 27:32 Kanaafuu loltoonni sun funyoo bidirichi ittiin hidhamee ture sana irraa kutanii galaanatti gad ishee dhiisan.
ACT 27:33 Gara barii lafaattis Phaawulos akka namoonni hundinuu waa nyaataniif isaan kadhate; akkanas jedheen; “Isin bultii kudha afran darban yaaddaʼaa, utuu waa tokko illee hin nyaatin agabuu keessan ooltanii bultaniirtu.
ACT 27:34 Kanaaf ani akka isin waa nyaattaniif isin kadhadha. Nyaanni jiraachuuf isin barbaachisaatii. Isin keessaa nama kam iyyuu rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu hin baduutii.”
ACT 27:35 Innis erga waan kana dubbatee booddee buddeena fuudhee hunduma isaanii duratti Waaqa galateeffate; kutatees nyaachuu jalqabe.
ACT 27:36 Isaan hundinuu jajjabaatanii ofumaan waa nyaatan.
ACT 27:37 Walumatti nu nama 276 taanee doonii sana keessa ture.
ACT 27:38 Isaanis erga nyaatanii quufanii booddee qamadii feʼamee ture sana galaanatti naqanii akka dooniin salphatu godhan.
ACT 27:39 Isaanis yommuu lafti bariitetti galoo galaanaa kan kuufama cirrachaa qabu tokko argan malee biyyi fuula isaanii dura jiru sun eessa akka taʼe hin hubanne; doonii sanas yoo isaanii dandaʼame dhiibanii qarqara galaanaatti baasuu murteessan.
ACT 27:40 Kanaafuu funyoo hiituu doonii kutanii galaana keessatti gad dhiisan; yeruma sana funyoo batoon ittiin hidhame sana hiikan; ergasiis sharaa karaa fuula doonii duraan jiru sana qilleensatti ol fuudhanii gara kuufama cirrachaatti qajeelan.
ACT 27:41 Garuu dooniin sun iddoo itti galaanni lama wal gaʼutti tima cirrachaatti buʼee lafa tuqe. Mataan isaa achitti qabamee sochoʼuu dide; dudga duubni isaa immoo humna dhaʼaa galaanaatiin dhaʼamee caccabe.
ACT 27:42 Loltoonnis akka warra hidhaman sana keessaa namni tokko iyyuu bishaan daakee baqatee jalaa hin baaneef isaan ajjeesuuf karoorfatan.
ACT 27:43 Garuu ajajaan dhibbaa sun waan Phaawulosin duʼa oolchuu fedheef akka isaan waan karoorfatan sana hin goone dhowwe; innis akka warri bishaan daakuu dandaʼan duraan dursanii doonii irraa utaalanii gara lafaatti baʼan ajaje.
ACT 27:44 Akka warri hafan immoo saanqaa yookaan caccabaa dooniitiin achi gaʼan ajaje; haala kanaan hundi isaanii nagaan lafatti baʼan.
ACT 28:1 Nus nagumaan qarqara galaanaatti baanee akka biyyi bishaaniin marfamte sun Malaaxiyaa jedhamtu beekne.
ACT 28:2 Namoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatanis gara laafina dinqisiisaa nu argisiisan. Isaanis sababii roobnii fi dhaamochi tureef ibidda bobeessanii hunda keenya simatan.
ACT 28:3 Utuu Phaawulos hanxaxii qoraanii walitti qabee ibiddatti naqaa jiruu buutiin sababii hoʼaatiin gad baate tokko harka isaatti maxxantee gad dhiisuu didde.
ACT 28:4 Warri biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan sunis buutii harka isaatti rarraatu arganii, “Namichi kun nama nama ajjeese taʼuu hin oolu; inni yoo balaa galaanaa jalaa baʼe illee Murtiin Qajeelaan akka inni jiraatu hin eeyyamneef” waliin jedhan.
ACT 28:5 Phaawulos buutii sana ibidda keessa of irraa buuse; miidhaa tokko malees hafe.
ACT 28:6 Namoonni sunis, “Inni ni dhiitaʼa yookaan akkuma tasaa kufee duʼa” jedhanii eegan; garuu yommuu yeroo dheeraa eeganii akka inni waa tokko illee hin taʼin arganitti yaada geeddaratanii, “Inni waaqa” jedhan.
ACT 28:7 Bulchaan biyya bishaaniin marfamtee kan Phubiliyoos jedhamu tokkos naannoo sanaa lafa qotiisaa qaba ture; innis mana isaatti nu simatee guyyaa sadii jaalalaan nu keessumsiise.
ACT 28:8 Abbaan Phubiliyoos dhukkuba dhagna nama gubuu fi garaa nama kaasuun qabamee ciisaa ture; Phaawulosis isa gaafachuuf ol seenee erga kadhatee booddee harka irra kaaʼee isa fayyise.
ACT 28:9 Yommuu wanni kun taʼetti dhukkubsattoonni biyya bishaaniin marfamte sana irra jiraatan biraa hundi dhufanii fayyan.
ACT 28:10 Isaanis karaa baayʼeedhaan ulfina nuu kennan; yommuu nu dooniin deemuuf kaanettis waan nu barbaachisu hunda nuuf kennan.
ACT 28:11 Nus jiʼa sadii booddee doonii Iskindiriyaa kan biyya bishaaniin marfamte sana irratti yeroo gannaa dabarse tokkoon kaanee deemsa jalqabne; dooniin sunis asxaa waaqota lakkuu Kastoorii fi Paaluksi adda isaa irraa qaba ture.
ACT 28:12 Seraakuus geenyees bultii sadii achi turre.
ACT 28:13 Achiis kaanee Reegiyuumitti galle; guyyaa tokko booddees waan bubbeen kibbaa bubbiseef guyyaa itti aanutti Putiyooluus geenye.
ACT 28:14 Achitti obboloota tokko tokko arganne; isaanis akka nu bultii torba isaan bira turru nu kadhatan. Nus akkasiin Roomaatti galle.
ACT 28:15 Obboloonni achi turanis yommuu dhufaatii keenya dhagaʼanitti hamma iddoo gabaa Aphiyuusiittii fi iddoo “Lafa Bultoo Sadii” jedhamuutti nu simachuu dhufan; Phaawulosis isaan argee Waaqa galateeffate; ofii isaatiis ni jajjabaate.
ACT 28:16 Yommuu nu Roomaa geenyetti Phaawulos akka loltuu isa eegu tokko wajjin kophaa isaa jiraatu eeyyamameef.
ACT 28:17 Phaawulosis guyyaa sadii booddee dura buʼoota Yihuudootaa walitti waame; yommuu isaan walitti qabamanittis akkana jedheen; “Yaa obboloota ko, ani utuu waan saba keenyaan yookaan duudhaa abbootii keenyaatiin mormu tokko illee hin hojjetin Yerusaalem keessatti qabamee dabarfamee harka warra Roomaatti kennameera.
ACT 28:18 Isaanis erga na qoranii booddee sababii ani yakka duʼa namatti mursiisu tokko illee hin qabaatiniif gad na dhiisuu barbaadan.
ACT 28:19 Ani garuu yoo waan ittiin saba koo himadhu tokko iyyuu hin qabaatin illee yommuu Yihuudoonni mormanitti akka Qeesaaritti ol iyyadhu nan dirqame.
ACT 28:20 Wanni ani isin arguu fi isin wajjin haasaʼuu kadhadheefis kanuma. Ani sababuma abdii Israaʼeliif jedhee foncaa kanaan hidhameera.”
ACT 28:21 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu xalayaa waaʼee kee dubbatu tokko illee biyya Yihuudaatii hin arganne; obboloota achii dhufan keessaas namni tokko iyyuu waaʼee kee waan hamaa hin dubbanne; nuttis hin himne.
ACT 28:22 Nu garuu yaadni kee maal akka taʼe sirraa dhagaʼuu barbaanna; nu akka namoonni iddoo hunda jiran garee kanaan morman ni beeknaatii.”
ACT 28:23 Isaanis guyyaa itti Phaawulos wajjin wal argan qabatanii, akka malee baayʼatanii lafa inni jiraachaa ture dhaqan; innis ganamaa jalqabee hamma galgalaatti waaʼee mootummaa Waaqaa isaanii ibsaa, lallabaas ture; waaʼee Yesuusiis Seera Museetii fi Kitaabota Raajotaa keessaa eeree isaan amansiisuu yaalaa ture.
ACT 28:24 Isaan keessaa warri tokko tokko waan inni jedhe ni fudhatan; warri kaan immoo amanuu didan.
ACT 28:25 Isaan gidduutti waldhabiisni uumamnaan kaʼanii deemuu jalqaban; kunis erga Phaawulos akkana jedhee dubbii dhumaa dubbatee booddee; “Hafuurri Qulqulluun yeroo karaa Isaayyaas raajichaatiin abbootii keessanitti dubbate sana dhugaa isaa dubbate; innis akkana jedhe:
ACT 28:26 “ ‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi; “Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan; ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.”
ACT 28:27 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii; gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu; ija isaaniis dunuunfataniiru; utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, qalbii isaaniitiinis hubatanii, ni deebiʼu turan; anis isaan nan fayyisa ture.’
ACT 28:28 “Kanaafuu ani akka fayyisuun Waaqaa gara Namoota Ormaatti ergame akka isin beektan nan barbaada! Isaanis ni dhagaʼu.” [
ACT 28:29 Yihuudoonnis erga inni waan kana dubbatee booddee jabeessanii waliin mormaa achii deeman.]
ACT 28:30 Phaawulosis waggaa lama guutuu mana ofii isaatii kireeffate keessa jiraachaa, warra isa dubbisuu dhufan hundas simachaa ture.
ACT 28:31 Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.
ROM 1:1 Phaawulos tajaajilaa Kiristoos Yesuus, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka wangeela Waaqaa lallabuuf addaan baafame irraa:
ROM 1:2 Wangeelli kunis kan Waaqni duraan dursee karaa raajota isaatiin Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti waadaa galee dha.
ROM 1:3 Wangeelichis waaʼee ilma isaa kan akka namummaatti sanyii Daawit irraa dhalatee,
ROM 1:4 akka Hafuura qulqullummaatti immoo warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin Ilma Waaqaa humna qabeessa taʼuun isaa labsamee dha; innis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos.
ROM 1:5 Nus karaa isaatiin, maqaa isaatiif jecha ormoota hunda keessaa akka gara ajajamuu amantii irraa dhufuutti namoota waamnuuf ayyaanaa fi ergamtummaa arganneerra.
ROM 1:6 Isinis warra akka kan Yesuus Kiristoos taʼaniif waamaman sana keessa jirtu.
ROM 1:7 Warra Waaqaan jaallatamtanii qulqulloota taʼuuf waamamtan kanneen Roomaa jirtan hundaaf:
ROM 1:8 Sababii amantiin keessan guutummaa addunyaa irratti odeeffamaa jiruuf, ani duraan dursee waaʼee hunda keessaniitiif karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa koo nan galateeffadha.
ROM 1:9 Akka ani kadhannaa koo keessatti utuu wal irraa hin kutin isin yaadadhu Waaqni ani wangeela Ilma isaa lallabuudhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti;
ROM 1:10 ani akka ammas dhuma irratti gara keessan dhufuuf fedhii Waaqaatiin karaan naa banamu nan kadhadha.
ROM 1:11 Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa;
ROM 1:12 kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf.
ROM 1:13 Yaa obboloota ko, ani akkuma Namoota Ormaa kaan keessatti ija qabaadhe sana isin keessattis akkasuma akkan qabaadhuuf yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaadaa turuu ko, garuu hamma ammaatti dhowwamuu koo akka isin beekuu dhabdan hin barbaadu.
ROM 1:14 Ani namoota Giriikii fi warra nama Giriik hin taʼiniif, beektotaa fi wallaaltotaaf gatii of irraa nan qaba.
ROM 1:15 Sababiin ani isin warra Roomaa jirtanittis wangeela lallabuuf akka malee hawwuuf kanuma.
ROM 1:16 Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
ROM 1:17 Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 1:18 Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu;
ROM 1:19 kunis sababii wanni waaʼee Waaqaa beekamuu malu isaaniif ifa taʼeef; Waaqni isaaniif ibseeraatii.
ROM 1:20 Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban.
ROM 1:21 Isaan yoo Waaqa beekan illee akka waaqummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe.
ROM 1:22 Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan;
ROM 1:23 ulfina Waaqa hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran.
ROM 1:24 Kanaafuu Waaqni akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne.
ROM 1:25 Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen.
ROM 1:26 Sababii kanaaf Waaqni dabarsee hawwii jibbisiisaatti isaan kenne. Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedhii fooniitiif dhiira wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti geeddaran.
ROM 1:27 Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedhii fooniitiif dubartoota wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii kajeellaa walii isaaniitiin gubatan. Warri dhiiraa, dhiira biraa wajjin gocha jibbisiisaa raawwatan; dogoggora isaanii kanaafis adaba isaaniif malu ofuma isaaniitiin fudhatan.
ROM 1:28 Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne.
ROM 1:29 Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota,
ROM 1:30 warra maqaa nama balleessan, warra Waaqa jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha;
ROM 1:31 isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha.
ROM 1:32 Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.
ROM 2:1 Kanaafuu yaa namichoo, ati yoo abbaa fedhe illee taate kan nama kaanitti murtu waan itti qabattu hin qabdu; waan ittiin namatti murtu hundaan ofittis ni murtaatii; ati kan murtii kennitu iyyuu ofii keetiis isuma hojjettaatii.
ROM 2:2 Nu akka murtiin Waaqaa kan warra waan akkanaa hojjetan irratti murteeffamu dhugaa irratti hundaaʼe ni beekna.
ROM 2:3 Yaa namichoo, ati yommuu warra waan akkanaa hojjetanitti murtee ofii keetii immoo waanuma akkasii hojjettu waan murtii Waaqaa jalaa baatu seetaa?
ROM 2:4 Yookaan ati akka gara laafummaan Waaqaa gara qalbii jijjiirrannaatti si geessu utuu hin beekin baayʼina gara laafummaa isaa, gara balʼina isaatii fi obsa isaa ni tuffattaa?
ROM 2:5 Ati garuu sababii mata jabina keetiitii fi garaa kee isa qalbii hin jijjiirranne sanaatiif guyyaa dheekkamsa Waaqaa kan murtiin qajeelaan itti mulʼatu sanaaf dheekkamsa of irratti kuusaa jirta.
ROM 2:6 Waaqni, “Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.”
ROM 2:7 Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna.
ROM 2:8 Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata.
ROM 2:9 Nama hammina hojjetu hunda irratti, jalqabatti Yihuudii irratti, ergasii immoo Nama Ormaa irratti dhiphinnii fi rakkinni ni dhufa.
ROM 2:10 Garuu nama waan gaarii hojjetu hundaaf, jalqabatti Yihuudiif, ergasii immoo Nama Ormaatiif kabajni, ulfinnii fi nagaan ni taʼa.
ROM 2:11 Waaqni nama wal hin caalchisuutii.
ROM 2:12 Warri utuu seera hin qabaatin cubbuu hojjetan hundinuu seera malee barbadaaʼu; warra utuu seera qabanuu cubbuu hojjetan hundattis seeruma sanaan murama.
ROM 2:13 Sababiin isaas warra seeraaf ajajamanitu fuula Waaqaa duratti qajeeltota taasifama malee warri seera dhagaʼan qajeeltota miti.
ROM 2:14 Namoonni Ormaa warri seera hin qabne yoo uumamaan waan seerri ajaju hojjetan, yoo seera qabaachuu baatan illee isaan ofii isaaniitiifuu seera.
ROM 2:15 Isaan waan qalbiin isaanii dhugaa baʼuuf, waan yaadni isaaniis yeroo tokko isaan himatee yeroo kaan immoo isaaniif falmuuf, akka ajajni seeraa garaa isaanii keessatti barreeffame ni argisiisu.
ROM 2:16 Akka wangeela ani lallabuutti wanni kun gaafa Waaqni icciitii namootaa karaa Yesuus Kiristoosiin murtii itti kennutti taʼa.
ROM 2:17 Ati yoo Yihuudii ofiin jette, yoo seera amanatte, yoo kan Waaqaanis of jajju taate,
ROM 2:18 yoo fedhii isaa beekte, yoo seera sanaanis qajeelfamtee waan hunda caalu mirkaneeffatte,
ROM 2:19 warra iji isaanii jaameef dura deemaa, warra dukkana keessa jiraniif immoo ifa taʼuu kee yoo amante,
ROM 2:20 karaa seeraatiinis beekumsaa fi dhugaa qabduun yoo wallaaltota gorsite, daaʼimmanis yoo barsiifte,
ROM 2:21 egaa ati kan warra kaan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? Kan “Hin hatin” jettee barsiiftu ofii keetii immoo ni hattaa?
ROM 2:22 Ati kan, “Namni ejjuu hin qabu” jettu ofii keetii ni ejjitaa? Kan waaqota tolfamoo akka malee jibbitu mana qulqullummaa ni saamtaa?
ROM 2:23 Ati kan Seeraan of jajju seera cabsuudhaan Waaqa ni salphiftaa?
ROM 2:24 “Sababii keessaniif maqaan Waaqaa Namoota Ormaa gidduutti arrabsama” jedhamee barreeffameeraatii.
ROM 2:25 Yoo ati seera eegde dhagna qabaan faayidaa qaba; yoo seera cabsite garuu akka waan dhagna hin qabatinii taateerta.
ROM 2:26 Warri dhagna hin qabatin yoo waan seerri ajaju eegan, akka waan dhagna qabataniitti hin ilaalamanii ree?
ROM 2:27 Namni utuu fooniin dhagna hin qabatin seera eegu tokko si nama seera barreeffame qabaattee dhagnas qabattee seera cabsitutti ni mura.
ROM 2:28 Namni waan alaan mulʼatu qofaan Yihuudii hin taʼu; dhagna qabachuunis waan alaan mulʼatu qofa miti.
ROM 2:29 Garuu nama keessa namummaa isaatiin Yihuudii taʼetu Yihuudii dha; dhagna qabaanis dhagna qabaa yaada garaa kan Hafuuraan taʼuudha malee seera barreeffameen miti. Namni akkasii Waaqa biratti malee nama biratti hin jajamu.
ROM 3:1 Egaa Yihuudii taʼuun faayidaa maalii qaba? Yookaan buʼaan dhagna qabaa maalii?
ROM 3:2 Karaa hundaanuu buʼaa guddaa qaba! Jalqabatti dubbiin Waaqaa Yihuudootatti imaanaa kenname.
ROM 3:3 Isaan keessaa tokko tokko yoo hin amanin maal ree? Amantii dhabuun isaanii amanamummaa Waaqaa ni balleessaa?
ROM 3:4 Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma, “Akka ati dubbii keetiin dhuga qabeessa taatuuf, yommuu murtiitti dhiʼaattuttis akka moʼattuuf” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 3:5 Yoo jalʼinni keenya qajeelina Waaqaa ifa baase garuu maal jenna ree? Waaqni dheekkamsa isaa nutti fiduun isaa qajeelina dhabeetii? Kanas ani akka namaattin dubbadha.
ROM 3:6 Gonkumaa hin taʼu! Utuu akkas taʼee silaa Waaqni akkamitti addunyaatti muruu dandaʼa ree?
ROM 3:7 Namni tokko, “Yoo soba kootiin dhuga qabeessummaan Waaqaa guddatee ulfinni isaas baayʼate maaliif hamma ammaatti akka cubbamaa tokkootti natti murama ree?” jedhee falma taʼa.
ROM 3:8 Kunis isa namoonni tokko tokko, “Isaan, ‘Akka wanni gaariin dhufuuf hammina haa hojjennu?’ jedhu” jedhanii nurratti odeessisanii dha. Murtiin isaanitti muramus waanuma maluu dha!
ROM 3:9 Egaa maal jenna ree? Nu Yihuudoonni warra kaan caallaa? Gonkumaa akkas miti! Akka Yihuudoonnii fi Giriikonni hundinuu cubbuu jala jiran duraan dursinee mirkaneessineerraatii.
ROM 3:10 Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: “Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru; namni tokko iyyuu;
ROM 3:11 namni hubannaa qabu, kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru.
ROM 3:12 Hundinuu dogoggoraniiru; walumatti warra faayidaa hin qabne taʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.”
ROM 3:13 “Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni gowwoomsu.” “Hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.”
ROM 3:14 “Afaan isaanii abaarsaa fi hadhaaʼummaan guutame.”
ROM 3:15 “Miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifata;
ROM 3:16 badiisaa fi gadadootu karaa isaanii irra jira;
ROM 3:17 karaa nagaas hin beekan.”
ROM 3:18 “Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.”
ROM 3:19 Akka afaan hundi cufamuu fi akka addunyaan hundinuu murtii Waaqaa jala galuuf, wanni seerri jedhu hundinuu akka warra seera jala jiraniif dubbatu ni beekna.
ROM 3:20 Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii.
ROM 3:21 Amma garuu qajeelummaan Waaqaan kennamu kan seeraan adda taʼe, kan Seerrii fi Raajonni dhugaa baʼaniif mulʼateera.
ROM 3:22 Qajeelummaan Waaqaa kun amantiidhaan warra Yesuus Kiristoositti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru;
ROM 3:23 sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii;
ROM 3:24 isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
ROM 3:25 Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti;
ROM 3:26 Waaqni yeroo ammaa qajeelummaa isaa argisiisuu fi akka nama Yesuusitti amanus qajeelaa taʼuu isaa labsuuf waan kana godhe.
ROM 3:27 Yoos of tuuluun eessa jira ree? Inni hafeera. Seera kamiin? Seera eeguudhaan moo? Miti; seera amantiitiin malee.
ROM 3:28 Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.
ROM 3:29 Waaqni Waaqa Yihuudootaa qofa moo? Inni Waaqa Namoota Ormaas mitii? Eeyyee, inni Waaqa Namoota Ormaatis;
ROM 3:30 egaa kan dhagna qabates amantiin, kan dhagna hin qabatinis amantiidhuma sanaan qajeelaa kan taasisu Waaquma tokkicha.
ROM 3:31 Yoos nu amantii kanaan seera sana cabsinaa ree? Gonkumaa akkas miti! Seericha ni cimsina malee.
ROM 4:1 Egaa Abrahaam inni fooniin abbaa keenya taʼe sun haala kanaan maal argate jenna ree?
ROM 4:2 Abrahaam utuu hojiin qajeelaa taasifamee jiraatee silaa waan ittiin of jaju qaba ture; fuula Waaqaa duratti garuu akkas miti.
ROM 4:3 Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”
ROM 4:4 Nama hojjetu tokkoof Mindaan gatiidha malee akka kennaa tolaatti hin hedamu.
ROM 4:5 Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf.
ROM 4:6 Daawitis akka namni Waaqni qajeelummaa hojii malee argamu lakkaaʼuuf eebbifamaa taʼe yommuu dubbatu akkana jedha:
ROM 4:7 “Warri yakki isaanii dhiifameef, kanneen cubbuun isaanii haguugameef eebbifamoo dha.
ROM 4:8 Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin lakkoofne eebbifamaa dha.”
ROM 4:9 Eebbi kun warra dhagna qabatan qofaaf moo warra dhagna hin qabatiniifis? Abrahaamiif amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼame jenneerraatii.
ROM 4:10 Kun egaa akkamitti isaaf lakkaaʼame ree? Erga inni dhagna qabatee moo duraanii? Durumaan malee erga dhagna qabate miti!
ROM 4:11 Inni mallattoo dhagna qabaa fudhate; kunis chaappaa qajeelummaa inni utuu dhagna hin qabatin dura amantiin argate sanaa ti. Kanaafis inni warra utuu dhagna hin qabatin amanan kanneen amantiin isaanii qajeelummaatti lakkaaʼameef hundaaf abbaa dha.
ROM 4:12 Akkasumas inni warra dhagna qabataniif, dhagna qabachuu qofas utuu hin taʼin warra karaa amantii abbaan keenya Abrahaam utuu dhagna hin qabatiniin dura fudhate sana duukaa buʼan hundaaf abbaa dha.
ROM 4:13 Abrahaamii fi sanyiin isaa waadaa akka inni dhaaltuu addunyaa taʼu kenname sana karaa qajeelummaa amantiin dhufuutiin argatan malee karaa seeraatiin miti.
ROM 4:14 Yoo warri seeratti bulan dhaaltota taʼan, amantiin gatii hin qabu; waadaanis homaa hin fayyaduutii;
ROM 4:15 kunis sababii seerri dheekkamsa fiduuf. Lafa seerri hin jirre yakki hin jiruutii.
ROM 4:16 Kanaafuu waadaan kun akka ayyaanaan taʼuu fi akka sanyii isaa hundaaf wabii taʼuuf amantii irratti hundeeffame; innis warra akka Abrahaam amananiif malee warra seeratti bulan qofaaf miti; Abrahaam abbaa hunduma keenyaa ti.
ROM 4:17 Kunis akkuma, “Ani abbaa saboota baayʼee si taasiseera” jedhamee barreeffamee dha. Abrahaam Waaqa amanate; innis Waaqa warra duʼaniif jireenya kennuu fi isa waan hin jirre akka waan jiruutti waamu sana duratti abbaa keenya.
ROM 4:18 Abrahaamis akkuma, “Sanyiin kee akkas ni taʼa” jedhametti utuu abdiin tokko iyyuu hin jiraatin abdiidhaan amanee abbaa saboota baayʼee taʼe.
ROM 4:19 Innis akka umuriin isaa gara waggaa dhibbaa gaʼee dhagni isaa duʼe, akkasumas akka gadameessi Saaraa duʼe beeku illee amantii isaatti hin laafne.
ROM 4:20 Inni amantii isaatti jabaachuun Waaqaaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Waaqaa hin shakkine;
ROM 4:21 akka Waaqni waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera.
ROM 4:22 Kanaafuu, “Amantiin isaa qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame.”
ROM 4:23 Dubbiin, “Qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame” jedhu kun Abrahaam qofaaf hin barreeffamne;
ROM 4:24 nuufis, warra Waaqa Gooftaa keenya Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sanatti amannuufis, qajeelummaatti ni lakkaaʼama.
ROM 4:25 Yesuus cubbuu keenyaaf dabarfamee duʼatti kenname; qajeeltota nu taasisuuf immoo duʼaa kaafame.
ROM 5:1 Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.
ROM 5:2 Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Waaqaattis ni gammanna.
ROM 5:3 Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii;
ROM 5:4 obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.
ROM 5:5 Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
ROM 5:6 Utuu nu amma illee dadhabdoota taanee jirruu yeroo malutti Kiristoos cubbamootaaf jedhee duʼe.
ROM 5:7 Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa.
ROM 5:8 Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa.
ROM 5:9 Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane ree!
ROM 5:10 Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!
ROM 5:11 Kana qofa miti; nu garuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa ittiin amma araara arganne sanaan Waaqatti ni gammanna.
ROM 5:12 Kanaaf akkuma cubbuun karaa nama tokkootiin addunyaa seene, duuti immoo karaa cubbuutiin seene; sababii namni hundinuu cubbuu hojjeteefis duuti nama hundatti dhufe.
ROM 5:13 Utuu seerri hin kennaminiin dura iyyuu cubbuun addunyaa keessa tureetii; yeroo seerri hin jirretti garuu cubbuun hin lakkaaʼamu.
ROM 5:14 Taʼus duuti bara Addaam irraa jalqabee hamma bara Museetti warra dogoggora akka Addaam hin hojjetin irratti illee moʼee ture; Addaamis Isa dhufuuf jiru sanaaf fakkeenya ture.
ROM 5:15 Kennaan tolaa sun garuu akka balleessaa sanaa miti. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin namoonni baayʼeen duʼanii, ayyaanni Waaqaatii fi kennaan karaa ayyaana nama tokkootiin jechuunis kennaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe sun immoo hammam caalaa namootaaf haa baayʼatu ree!
ROM 5:16 Kennaan Waaqaa miidhaa cubbuun namni tokko hojjete fiduun tokko miti: Murtiin cubbuu tokkichaaf kenname yakkamtummaa fideera; kennaan tolaa kan balleessaa baayʼee irratti kenname garuu qajeelummaa fide.
ROM 5:17 Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!
ROM 5:18 Kanaafuu akkuma balleessaan tokko nama hundatti yakka mursiise, akkasuma immoo hojiin qajeelummaa tokko nama hundaaf qajeelummaa jireenya fidu taʼe.
ROM 5:19 Akkuma ajajamuu diduu nama tokkootiin namoonni baayʼeen cubbamoota taʼan, akkasuma immoo ajajamuu nama tokkootiin namoonni baayʼeen qajeeltota ni taasifamu.
ROM 5:20 Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate;
ROM 5:21 kunis akkuma cubbuun karaa duʼaatiin moʼe sana ayyaannis karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin akka jireenya bara baraa fiduuf karaa qajeelinaatiin akka moʼuuf.
ROM 6:1 Egaa maal jenna ree? Akka ayyaanni baayʼatuuf ittuma fufnee cubbuu haa hojjennuu?
ROM 6:2 Gonkumaa hin taʼu! Nu warri cubbuuf duune, siʼachi akkamitti cubbuu jala jiraanna?
ROM 6:3 Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii?
ROM 6:4 Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.
ROM 6:5 Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana.
ROM 6:6 Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;
ROM 6:7 namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.
ROM 6:8 Egaa nu yoo Kiristoos wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna.
ROM 6:9 Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu.
ROM 6:10 Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata.
ROM 6:11 Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa.
ROM 6:12 Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa.
ROM 6:13 Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa.
ROM 6:14 Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.
ROM 6:15 Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu!
ROM 6:16 Cubbuu gara duʼaatti nama geessuufis taʼu yookaan ajajamuu gara qajeelummaatti nama geessuuf, yommuu akka garbootaatti nama tokkoof ajajamuuf of kennitanitti, nama ajajamtaniif sanaaf akka garboota taatan hin beektanii?
ROM 6:17 Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Waaqaaf galanni haa taʼu.
ROM 6:18 Isin cubbuu irraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniirtu.
ROM 6:19 Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa.
ROM 6:20 Isin yeroo garboota cubbuu turtanitti, qajeelummaa irraa bilisa turtan.
ROM 6:21 Waan amma itti qaanoftan kana irraa yeroo sana buʼaa maalii argattan ree? Dhumni waan sanaa duʼaatii!
ROM 6:22 Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.
ROM 6:23 Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.
ROM 7:1 Yaa obboloota, ani warra seera beekanitti nan dubbadhaatii; seerri nama tokko irratti taayitaa kan qabaatu hamma namichi sun lubbuun jiru qofa akka taʼe isin hin beektanii ree?
ROM 7:2 Dubartiin heerumte tokko hamma inni lubbuudhaan jirutti seeraan dhirsa isheetti hidhamteerti; yoo dhirsi ishee duʼe garuu seera fuudhaa fi heerumaa sana irraa hiikamteerti.
ROM 7:3 Kanaafuu utuu dhirsi ishee lubbuudhaan jiruu yoo nama biraatti heerumte isheen ejjituu jedhamti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu waan seera sana irraa hiikamteef yoo nama biraatti heerumte illee ejjitu miti.
ROM 7:4 Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Kiristoosiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Waaqaaf ija naqannuuf.
ROM 7:5 Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture.
ROM 7:6 Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.
ROM 7:7 Egaa maal jenna ree? Seerri cubbuudhaa? Gonkumaa akkas miti! Garuu ani utuu seeraan taʼuu baatee cubbuun maal akka taʼe hin beeku ture. Utuu seerri “Hin hawwin” jechuu baatee ani silaa hawwiin maal akka taʼe dhugumaan hin beeku ture.
ROM 7:8 Cubbuun garuu carraa ajajni argamsiiseen hawwii hamaa gosa hundaa na keessatti uume. Lafa seerri hin jirretti cubbuun duʼaadhaatii.
ROM 7:9 Ani dur seera malee jiraachaan ture; yommuu ajajni dhufetti garuu cubbuun ni bayyanatte; anis nan duʼe.
ROM 7:10 Ajajni jireenya fida jedhamee eegame sunis akka duʼa natti fide nan hubadhe.
ROM 7:11 Cubbuun carraa ajajni argamsiiseen na gowwoomse; ajajuma sanaanis na ajjeese.
ROM 7:12 Kanaafuu seerri qulqulluu dha; ajajni sunis qulqulluu dha; qajeelaa dha; gaarii dhas.
ROM 7:13 Egaa waan gaarii sanatu duʼa natti taʼee ree? Gonkumaa akkas miti! Cubbuunis akka cubbuutti akka ilaalamuuf, akka karaa ajajaatiin ittuma caalee cubbuu taʼuufis cubbuun karaa waan gaarii sanaatiin duʼa natti fide.
ROM 7:14 Nus akka seerri sun seera hafuuraa taʼe ni beekna; ani garuu nama foonii kan akkuma garbaatti cubbuutti gurguramee dha.
ROM 7:15 Ani waanan hojjedhu hin beeku. Ani waanan jibbun hojjedha malee waanan hojjechuu barbaadu hin hojjedhuutii.
ROM 7:16 Ani erga waanan hojjechuu hin barbaanne hojjedhee, akka seerri sun gaarii taʼe walii nan gala.
ROM 7:17 Yoos, siʼachi cubbuu na keessa jiraatutu waan kana hojjeta malee ana miti.
ROM 7:18 Na keessa jechuunis namummaa koo cubbamaa keessa akka wanni gaariin tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Ani waan gaarii hojjechuu nan hawwa; garuu hojjechuu hin dandaʼu.
ROM 7:19 Wanti ani hojjedhu waan hamaa ani hojjechuu hin barbaanne malee waan gaarii ani hojjechuu barbaadu mitiitii.
ROM 7:20 Egaa ani waanan hojjechuu hin barbaanne yoon hojjedhe, siʼachi cubbuu na keessa jiraatu sanatu waan kana hojjeta malee ana miti.
ROM 7:21 Kanaafuu akka seerri sun hojjechaa jiru nan hubadha; yommuu ani waan gaarii hojjechuu barbaadu hamminni na biratti argama.
ROM 7:22 Ani keessa namummaa kootti seera Waaqaattin nan gammadaatii;
ROM 7:23 ani garuu utuu seerri biraa seera qalbii koo wajjin kutaa dhagna koo keessatti wal lolee seera cubbuu kan kutaa dhagna koo keessa jiruuf na boojiʼuu nan arga.
ROM 7:24 Ani nama gadadamaa akkamii ti! Dhagna duʼu kana jalaa eenyutu na baasa?
ROM 7:25 Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin galanni Waaqaaf haa taʼu! Kanaafuu ani mataan koo qalbii kootiin garbicha seera Waaqaa ti; namummaa koo cubbamaadhaan garuu ani garbicha seera cubbuu ti.
ROM 8:1 Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru;
ROM 8:2 seerri Hafuura jireenyaa karaa Kiristoos Yesuusiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii.
ROM 8:3 Waan seerri sababii fooniitiin dadhabsiifameef hojjechuu hin dandaʼin, Waaqni Ilma ofii isaa bifa foon cubbamaatiin aarsaa cubbuu akka taʼuuf erguun hojjeteeraatii. Kanaanis inni fooniin cubbuutti mure.
ROM 8:4 Kunis akka qajeelummaan seeraa sun nu warra utuu akka namummaa cubbamaatti hin taʼin akka Hafuuraatti jiraannu keessatti raawwatamuufii dha.
ROM 8:5 Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu.
ROM 8:6 Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha.
ROM 8:7 Yaadni foonii diina Waaqaa ti; seera Waaqaatiifis hin bulu. Buluus hin dandaʼu.
ROM 8:8 Warri akka fooniitti jiraatan Waaqa gammachiisuu hin dandaʼan.
ROM 8:9 Isin garuu yoo Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraate akka Hafuuraatti jiraattu malee akka fooniitti hin jiraattan. Eenyu iyyuu yoo Hafuura Kiristoos qabaachuu baate inni kan Kiristoos miti.
ROM 8:10 Yoo Kiristoos isin keessa jiraate garuu dhagni keessan sababii cubbuutiin duʼaa dha; hafuurri keessan immoo sababii qajeelummaatiin jiraataa dha.
ROM 8:11 Hafuurri Waaqaa inni Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun yoo isin keessa jiraate garuu, inni Kiristoos Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun karaa Hafuura isaa kan isin keessa jiruutiin dhagna keessan isa duʼuufis jireenya kenna.
ROM 8:12 Egaa yaa obboloota, nu gatii of irraa qabna; garuu fooniif miti; akka fooniitti jiraachuufis miti.
ROM 8:13 Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu.
ROM 8:14 Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii.
ROM 8:15 Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, “Aabbaa, yaa Abbaa” jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.
ROM 8:16 Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.
ROM 8:17 Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla.
ROM 8:18 Dhiphinni keenya kan ammaa kun ulfina nutti mulʼachuuf jiruun yommuu wal bira qabamu akka waan tokkottuu hin lakkaaʼamne ani nan yaada.
ROM 8:19 Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira.
ROM 8:20 Uumamni utuu filannoo isaatiin hin taʼin, fedhii isa dabarsee isa kenne sanaatiin abdiidhaan waan faayidaa hin qabnetti saaxilameeraatii;
ROM 8:21 kunis akka uumamni mataan isaa garbummaa tortoruu jalaa baʼee bilisummaa ulfina qabeessa ijoollee Waaqaatti galuuf.
ROM 8:22 Uumamni hundinuu hamma ammaatti akkuma dhiphina yeroo ciniinsuutti akka aadaa jiru ni beekna.
ROM 8:23 Uumama qofa utuu hin taʼin nu mataan keenya warri ija Hafuuraa kan jalqabaa qabnu iyyuu furii dhagna keenyaa ilmummaatti guddifamuu eeggachaa of keessatti ni aadna.
ROM 8:24 Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree?
ROM 8:25 Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.
ROM 8:26 Akkasumas Hafuurri dadhabbii keenya irratti nu gargaara. Nu waan kadhachuu qabnu hin beeknuutii; hafuurri mataan isaa garuu aaduu ibsamuu hin dandaʼamneen nuuf kadhata.
ROM 8:27 Inni garaa keenya qoru sun yaada Hafuuraas ni beeka; Hafuurri akka fedhii Waaqaatti qulqullootaaf kadhataatii.
ROM 8:28 Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.
ROM 8:29 Akka inni obboloota baayʼee keessatti hangafa taʼuuf Waaqni warra duraan dursee beeke akka bifa ilma isaa fakkaataniif duraan dursee murteesseeraatii.
ROM 8:30 Inni warra duraan dursee murteesse sana ni waame; warra waame sanas qajeeltota taasise; warra qajeeltota taasiseef immoo ulfina kenne.
ROM 8:31 Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?
ROM 8:32 Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree?
ROM 8:33 Warra Waaqni filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Waaqa.
ROM 8:34 Kan itti muru eenyu? Kiristoos Yesuus isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Waaqaa jiruu fi nuuf kadhatu sanaa dha.
ROM 8:35 Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee?
ROM 8:36 Kunis akkuma, “Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 8:37 Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.
ROM 8:38 Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu,
ROM 8:39 ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
ROM 9:1 Ani Kiristoosiin dhugaa nan dubbadha; ani hin sobu; yaadni koos Hafuura Qulqulluudhaan naa mirkaneessa;
ROM 9:2 ani gadda guddaa fi dhiphina wal irraa hin cinne garaa koo keessaa qaba.
ROM 9:3 Ani iyyuu obboloota koo warra akka fooniitti sanyii koo taʼaniif jedhee utuun Kiristoos irraa gargar baʼee abaaramee nan hawwa tureetii;
ROM 9:4 isaan saba Israaʼel. Ilmummaan, ulfinni, kakuun, seera fudhachuun, tajaajiluu fi waadaan kan isaanii ti.
ROM 9:5 Abbootiin kan isaanii ti; Kiristoosis isaan irraa fooniin dhalate; inni waan hunda irratti Waaqa; inni bara baraan haa eebbifamu! Ameen.
ROM 9:6 Kun garuu dubbiin Waaqaa diigameera jechuu miti. Kan Israaʼel irraa dhalate hundi Israaʼel miti.
ROM 9:7 Yookaan isaan sababii sanyii Abrahaam taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa miti. Garuu, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama” jedhameera.
ROM 9:8 Kana jechuunis ijoollee waadaatu sanyiitti lakkaaʼama malee ijoolleen foon irraa dhalatan ijoollee Waaqaa miti.
ROM 9:9 Dubbiin waadaa sunis kan, “Ani yeroo murteeffametti deebiʼee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi” jedhu tureetii.
ROM 9:10 Kana qofa miti; Ribqaan yeroo namuma tokkoof, abbaa keenya Yisihaaqiif ulfooftetti,
ROM 9:11 ijoolleen sun utuu hin dhalatin yookaan utuu waan gaarii yookaan waan hamaa hin hojjetin akka kaayyoon filannoo Waaqaa raawwatamuuf,
ROM 9:12 utuu hojiin hin taʼin isa waamicha Waaqaatiin, “Inni hangafni isa quxisuu tajaajila” jedhamee isheetti himame.
ROM 9:13 Kunis akkuma, “Yaaqoobin nan jaalladhe; Esaawun garuu nan jibbe” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 9:14 Egaa maal jenna ree? Waaqni jalʼaadhaa? Gonkumaa akkas miti!
ROM 9:15 Inni Museedhaan, “Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa” jedhaatii.
ROM 9:16 Kanaafuu wanti kun araara Waaqaatiin malee hawwii yookaan carraaqqii namaatiin miti.
ROM 9:17 Katabbiin qulqulluun Faraʼooniin, “Ani humna koo sirratti argisiisuuf, maqaan koos akka lafa hunda irratti labsamuuf kaayyoo kanaaf si kaaseera” jedhaatii.
ROM 9:18 Kanaaf Waaqni kan maaruu barbaadu ni maara; kan mata jabeessa gochuu barbaadu immoo mata jabeessa godha.
ROM 9:19 Isinis, “Yoos Waaqni maaliif amma iyyuu dogoggora nurra barbaada? Fedhii isaas eenyutu mormuu dandaʼa?” naan jettu.
ROM 9:20 Garuu yaa namichoo, Waaqaan mormuuf ati eenyu? “Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, ‘Ati maaliif akkanatti na tolchite?’ ” jedhaa?
ROM 9:21 Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu?
ROM 9:22 Waaqni dheekkamsa isaa argisiisuu fi humna isaas beeksisuuf jedhee yoo miʼa dheekkamsaa kanneen badiisaaf qopheeffaman obsa guddaan bira darbe hoo?
ROM 9:23 Inni badhaadhummaa ulfina isaa yoo miʼa araara isaa kanneen duraan dursee ulfinaaf qopheessetti beeksisuuf jedhee waan kana godhe hoo?
ROM 9:24 Nus warra waamaman keessaa tokkoo dha; inni Yihuudoota qofa keessaa utuu hin taʼin Namoota Ormaa keessaas waameera.
ROM 9:25 Inni kitaaba Hooseʼaa keessatti akkana jedha: “Ani warra saba koo hin taʼiniin, ‘saba koo’ nan jedha; ishee jaallatamtuu hin taʼiniin immoo, ‘jaallatamtuu’ nan jedha.”
ROM 9:26 Akkasumas isaan, “Iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu.”
ROM 9:27 Isaayyaas akkana jedhee waaʼee Israaʼel iyya: “Baayʼinni ilmaan Israaʼel yoo akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu, hambaa qofatu fayya.
ROM 9:28 Gooftaan utuu hin turin, yeroo dhumaatiif lafa irratti ni muraatii.”
ROM 9:29 Kunis akkuma Isaayyaas duraan dursee akkana jedhee dubbatee dha: “Utuu Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, sanyii nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre.”
ROM 9:30 Egaa maal jenna ree? Namoonni Ormaa kan qajeelummaa duukaa hin buʼin qajeelummaa karaa amantiitiin taʼe argataniiru.
ROM 9:31 Israaʼeloonni seera qajeelummaa duukaa buʼan garuu qajeelummaa hin arganne.
ROM 9:32 Maaliif dhaban? Kunis sababii isaan utuu karaa amantiitiin hin taʼin hojiidhaan qajeelummaa argachuu barbaadaniif; isaanis dhagaa nama gufachiisuun gufatan.
ROM 9:33 Kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa; namni isatti amanu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhamee barreeffame sanaa dha.
ROM 10:1 Yaa obboloota, hawwiin garaa kootii fi wanni ani Israaʼelootaaf Waaqa kadhadhu akka isaan fayyaniif.
ROM 10:2 Ani akka isaan Waaqaaf hinaaffaa qaban dhugaa nan baʼa; hinaaffaan isaanii garuu kan beekumsa irratti hundeeffame miti.
ROM 10:3 Isaan waan qajeelummaa Waaqa biraa dhufu hin beekinii fi waan qajeelummaa ofii isaanii uumachuu barbaadaniif qajeelummaa Waaqaatiif hin bulle.
ROM 10:4 Akka namni amanu hundinuu qajeelummaa argatuuf Kiristoos raawwii seeraatii.
ROM 10:5 Museen waaʼee qajeelummaa seeraan argamuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedhee waan kana barreesseeraatii.
ROM 10:6 Qajeelummaan amantiidhaan argamu garuu akkana jedha; “Ati garaa kee keessatti, ‘Eenyutu gara samiitti ol baʼa?’ hin jedhin;” Kun Kiristoosin gad buusuuf;
ROM 10:7 “Yookaan, ‘Eenyutu qileetti gad buʼa?’ hin jedhin;” kun Kiristoosin warra duʼan keessaa ol baasuuf.
ROM 10:8 Inni garuu maal jedha? “Dubbichi si bira jira; afaan keetii fi garaa kee keessa jira;” innis dubbii amantii isa nu lallabnuu dha;
ROM 10:9 kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
ROM 10:10 Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.
ROM 10:11 Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.
ROM 10:12 Yihuudii fi Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiruutii; Gooftuma tokkicha sanatu Gooftaa hundaa ti; innis warra isa waammatan hunda eebba isaatiin badhaasa.
ROM 10:13 “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”
ROM 10:14 Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree?
ROM 10:15 Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 10:16 Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?” jedhaatii.
ROM 10:17 Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
ROM 10:18 Ani garuu: Isaan hin dhageenye moo? jedhee nan gaafadha; dhugumaanuu isaan dhagaʼaniiru: “Sagaleen isaanii lafa hunda, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.”
ROM 10:19 Ammas ani: Israaʼel hin hubanne moo? jedheen gaafadha. Museen duraan dursee, “Ani warra saba hin taʼiniin akka isin hinaaftan nan godha; saba hubannaa hin qabneenis isin nan aarsaa” jedha.
ROM 10:20 Isaayyaasis ija jabinaan, “Warri na hin barbaadin na argatan; warra na hin iyyaafatinittis nan mulʼadhe” jedha.
ROM 10:21 Waaʼee Israaʼel garuu, “Ani guyyaa guutuu gara uummata hin ajajamnee fi didaa taʼeetti harka koo nan diriirfadhe” jedha.
ROM 11:1 Anis, “Egaa Waaqni saba isaa ni gatee ree?” jedhee nan gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Ani iyyuu Israaʼelicha, sanyii Abrahaam keessaa gosa Beniyaam.
ROM 11:2 Waaqni saba isaa warra duraan dursee beeke sana hin ganne; isin waaʼee Eeliyaas, inni akkamitti Waaqa duratti akka Israaʼelin himate Katabbiin Qulqulluun maal akka jedhu hin beektanii? Innis akkana jedha:
ROM 11:3 “Yaa Gooftaa isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoo aarsaa keetii illee diiganiiru; anuma qofatu hafe; anas ajjeesuu barbaadu.”
ROM 11:4 Garuu deebiin Waaqni isaaf kenne maal ture? “Ani ofii kootiif namoota Baʼaaliif hin jilbeenfatin 7,000 hambifadheera.”
ROM 11:5 Akkasuma yeroo ammaas hambaawwan ayyaanaan filataman jiru.
ROM 11:6 Erga ayyaanaan taʼe immoo siʼachi hojiin miti; utuu hojiin taʼee immoo ayyaanni silaa ayyaana hin taʼu ture.
ROM 11:7 Egaa maali ree? Israaʼel waan jabeessee barbaade sana hin arganne; warri filataman garuu argataniiru. Warri kaan immoo mataa jabaatan.
ROM 11:8 Kunis isa, “Waaqni hamma guyyaa harʼaatti, akka iji isaanii hin argineef, akka gurri isaaniis hin dhageenyeef, hafuura nama dawweessu isaaniif kenne” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 11:9 Daawitis akkana jedha; “Maaddiin isaanii iddaa fi kiyyoo, gufuu nama gufachiisuu fi adaba isaanitti haa taʼu.
ROM 11:10 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.”
ROM 11:11 Anis deebisee, “Isaan hamma kufanii kaʼuu hin dandeenyetti gufatanii?” jedheen gaafadha. Kun gonkumaa akkas miti! Garuu akka sabni Israaʼel hinaafuuf sababii balleessaa isaaniitiif fayyinni Namoota Ormaatiif dhufe.
ROM 11:12 Yoos erga balleessaan isaanii addunyaaf badhaadhummaa fidee, kufaatiin isaaniis erga Namoota Ormaatiif badhaadhummaa fidee, guutummaan isaanii immoo hammam caalaa badhaadhummaa haa fiduu ree?
ROM 11:13 Yaa Namoota Ormaa, ani isinittin dubbadha. Ani waanan ergamaa Namoota Ormaa taʼeef, tajaajila koo nan kabaja.
ROM 11:14 Kanaanis ani tarii saba koo hinaaffaaf kakaasee isaan keessaa tokko tokko fayyisuu abdadhee ti.
ROM 11:15 Erga gatamuun isaanii addunyaaf araara fidee, fudhatamuun isaanii immoo warra duʼan keessaa jireenyatti kaafamuu malee maal fida ree?
ROM 11:16 Kutaan bukoo kan akka kennaa hangafaatti dhiʼeeffame tokko erga qulqulluu taʼee, bukoon guutuun qulqulluu dha; hiddi erga qulqulluu taʼee, dameewwan isaas akkasuma qulqulloota.
ROM 11:17 Dameewwan sana keessaa tokko tokko caccabsamnaan ati utuma lataa ejersa bosonaa taatee jirtuu iddoo dameewwan caccabaniitti fayyifamtee soora hidda ejersaa irraa argamu kan qooddattu taanaan,
ROM 11:18 dameewwan sanatti hin koorin. Yoo of jajje garuu hidda sanatu si baata malee akka ati hidda sana hin baanne hubadhu.
ROM 11:19 Atis, “Akka ani itti fayyifamuuf dameewwan sun caccabsaman” ni jetta.
ROM 11:20 Kun dhuguma. Isaan waan amantii hin qabneef caccabsaman; ati garuu amantiidhaan dhaabatteerta. Kanaafuu sodaadhu malee of hin tuulin.
ROM 11:21 Waaqni yoo dameewwan uumamaatiif hin hilin siifis hin hiluutii.
ROM 11:22 Egaa arjummaa fi gara jabina Waaqaa hubadhu: gara jabinni isaa warra kufan irratti; arjummaan isaa garuu hamma ati arjummaa isaa keessa jiraattutti siif; yoo kanaa achii atis ni kutamta.
ROM 11:23 Isaanis yoo amantii dhabuutti fufuu baatan itti fayyifamu; Waaqni deebisee itti isaan fayyisuu ni dandaʼaatii.
ROM 11:24 Ati muka uumamaan ejersa bosonaa taʼe irraa muramtee karaa seera uumamaatiin ala taʼeen muka ejersaa kan dhaabame irratti erga fayyifamtee, dameewwan uumamaa kunneen hammam caalaa muka ejersa isaanii irratti deebifamanii hin fayyifaman ree!
ROM 11:25 Yaa obboloota, ani akka isin ogeeyyii of seetanii icciitii kana wallaaltan hin barbaadu; hamma lakkoobsi Namoota Ormaa guutuun seenutti Israaʼel gariin mata jabinaan jiraachaa turan.
ROM 11:26 Kanaafuu Israaʼel hundi ni fayyu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “Inni furu Xiyoonii ni dhufa; Yaaqoob irraas Waaqa malee jiraachuu ni balleessa.
ROM 11:27 Yommuu ani cubbuu isaanii isaan irraa fuudhutti, kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana.”
ROM 11:28 Akka wangeelaatti isiniif jecha isaan diinota; akka filannootti garuu abbootiif jecha isaan jaallatamoo dha;
ROM 11:29 kennaan Waaqaatii fi waamichi isaa gaabbii hin qabuutii.
ROM 11:30 Akkuma isin kanaan dura Waaqaaf ajajamuu diddanii amma garuu ajajamuu diduu isaaniitiin araara argattan sana
ROM 11:31 isaanis akkasuma araara Waaqaa kan isin argattaniin akka araara argataniif amma ajajamuu didan.
ROM 11:32 Waaqni hunduma isaaniitiif araara buusuuf jedhee namoota hunda ajajamuu diduu jala galche.
ROM 11:33 Badhaadhummaan ogummaatii fi beekumsa Waaqaa hammam gad fagaata! Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu! Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!
ROM 11:34 “Eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke? Yookaan eenyutu gorsaa isaa ture?”
ROM 11:35 “Yookaan akka Waaqni deebisee isaaf kennuuf jedhee, eenyutu takkumaa Waaqaaf waa kenne?”
ROM 11:36 Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe. Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
ROM 12:1 Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.
ROM 12:2 Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
ROM 12:3 Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Waaqni isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa.
ROM 12:4 Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana
ROM 12:5 akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.
ROM 12:6 Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu.
ROM 12:7 Yoo tajaajiluu taʼe, haa tajaajilu; yoo barsiisuu taʼe, haa barsiisu;
ROM 12:8 yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru.
ROM 12:9 Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa.
ROM 12:10 Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.
ROM 12:11 Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa.
ROM 12:12 Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa.
ROM 12:13 Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa.
ROM 12:14 Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa.
ROM 12:15 Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa.
ROM 12:16 Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.
ROM 12:17 Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa.
ROM 12:18 Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa.
ROM 12:19 Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedha, jedhamee barreeffameeraatii.
ROM 12:20 Garuu, “Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi; yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif. Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta.”
ROM 12:21 Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.
ROM 13:1 Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude.
ROM 13:2 Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu.
ROM 13:3 Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii.
ROM 13:4 Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Waaqaatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Waaqaa kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha.
ROM 13:5 Kanaafuu sababii dheekkamsaa qofaaf utuu hin taʼin, yaada qulqulluudhaan warra taayitaa irra jiran jalatti buluun barbaachisaa dha.
ROM 13:6 Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Waaqaa warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii.
ROM 13:7 Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.
ROM 13:8 Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.
ROM 13:9 Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin” jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kanaan walitti guduunfamu.
ROM 13:10 Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti.
ROM 13:11 Yeroon isin hirribaa dammaqxan amma akka taʼe hubadhaa. Yeroo nu itti amanne sana caalaa fayyinni keenya amma nutti dhiʼaateeraatii.
ROM 13:12 Halkan bariʼuu gaʼeera; guyyaanis dhiʼaateera. Kanaafuu hojii dukkanaa of irraa gannee miʼa lolaa kan ifaa haa hidhannu.
ROM 13:13 Kottaa akka yeroo guyyaatti amala gaariin haa jiraannu; addaggummaa fi machiidhaan miti; jireenya sagaagalummaa fi gad dhiisiitiin miti; wal loluu fi hinaaffaadhaan miti.
ROM 13:14 Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.
ROM 14:1 Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa.
ROM 14:2 Namni tokko akka waan hunda nyaachuu dandaʼu amana; namni amantiin isaa dadhabaa taʼe kaan garuu biqiltuu qofa nyaata.
ROM 14:3 Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Waaqni isa ofitti qabeeraatii.
ROM 14:4 Hojjetaa nama kaaniitti kan murtu ati eenyu? Inni yoo dhaabates yoo kufes gooftaa isaatiif. Waan Gooftaan isa dhaabachiisuu dandaʼuufis ni dhaabata.
ROM 14:5 Namni tokko akka waan guyyaan tokko guyyaa kaan caaluutti yaada; namni kaan immoo guyyaan hundi tokkuma jedhee yaada. Namni kam iyyuu yaada ofii isaa guutummaatti amanee haa fudhatu.
ROM 14:6 Namni guyyicha kabaju Gooftaaf jedhee kabaja; kan guyyicha hin kabajnes Gooftaaf jedhee hin kabaju. Kan nyaatu Gooftaaf jedhee nyaata; inni Waaqa galateeffataatii; kan hin nyaannes Gooftaaf jedhee hin nyaatu; Waaqas ni galateeffata.
ROM 14:7 Nu keessaa namni mataa isaatiif jiraatu, kan mataa isaatiif duʼus hin jiruutii.
ROM 14:8 Nu yoo jiraanne Gooftaaf jiraanna; yoo duunes Gooftaaf duuna. Kanaafuu yoo jiraannes yoo duunes nu kan Gooftaa ti.
ROM 14:9 Sababii kanaaf Kiristoos Gooftaa duʼaaleyyiitii fi jiraatoo taʼuuf duʼe; deebiʼees jiraataa taʼe.
ROM 14:10 Yoos ati maaliif obboleessa keetti murta ree? Yookaan maaliif obboleessa kee tuffatta ree? Nu hundi teessoo murtii Waaqaa dura ni dhaabannaatii.
ROM 14:11 Kunis: “ ‘Ani jiraataadhaatii; jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata; arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan” jedhamee barreeffameeraatii.
ROM 14:12 Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Waaqaa duratti deebii ni kennina.
ROM 14:13 Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa.
ROM 14:14 Akka wanni ofuma isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko iyyuu hin jirre ani karaa Gooftaa Yesuus nan beeka; nan amanas. Nama wanni tokko xuraaʼaadha jedhee yaaduuf garuu wanni sun isaaf xuraaʼaa dha.
ROM 14:15 Yoo wanni ati nyaattu obboleessa kee miidhe, ati jaalalaan jiraachaa hin jirtu. Ati waan nyaattuun obboleessa kee isa Kiristoos isaaf duʼe hin balleessin.
ROM 14:16 Kanaafuu wanti isin gaariidha jettan akka arrabsamu hin godhinaa.
ROM 14:17 Mootummaan Waaqaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Hafuura Qulqulluun taʼeedha malee waaʼee nyaataa fi dhugaatii mitiitii.
ROM 14:18 Namni haala kanaan Kiristoosin tajaajilu Waaqa gammachiisaatii; namoota birattis fudhatama argata.
ROM 14:19 Kanaaf waan nagaa fidu gochuu fi wal ijaaruuf haa tattaaffannu.
ROM 14:20 Nyaataaf jettee hojii Waaqaa hin balleessin. Nyaanni hundi qulqulluu dha; garuu waan nama biraa gufachiisu kam iyyuu nyaachuun nama tokkoof dogoggora.
ROM 14:21 Akka obboleessi kee hin gufanneef, foon nyaachuu dhiisuun yookaan daadhii wayinii dhuguu dhiisuun yookaan waan biraa kam iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.
ROM 14:22 Kanaafuu ati amantii waan kana irratti qabdu kam iyyuu fuula Waaqaa duratti ofumaa keetii qabaadhu. Namni waan amanee fudhate irratti ofitti hin murre eebbifamaa dha.
ROM 14:23 Namni shakkii qabu garuu nyaachuun isaa waan amantiin hin taʼiniif yoo nyaate isatti murama; wanni amantiin hin taʼin kam iyyuu cubbuudhaatii.
ROM 15:1 Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu.
ROM 15:2 Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.
ROM 15:3 Kiristoos iyyuu ofii isaa hin gammachiifneetii; kun garuu akkuma, “Arrabsoon warra si arrabsanii narra gaʼeera” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 15:4 Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
ROM 15:5 Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
ROM 15:6 Kunis akka isin yaada tokkoo fi afaan tokkoon Waaqaaf, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif ulfina kennitaniif.
ROM 15:7 Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa.
ROM 15:8 Kiristoos dhugaa Waaqaatiif jedhee waadaa abbootiif kenname mirkaneessuuf akka tajaajilaa warra dhagna qabatanii taʼe ani isinittin himaatii;
ROM 15:9 kunis akka Namoonni Ormaa sababii araara isaatiif Waaqa ulfeessaniif. Innis akkuma, “Kanaafuu ani Namoota Ormaa gidduutti sin jajadha; maqaa keetiifis nan faarfadha” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 15:10 Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, isin saba isaa wajjin gammadaa” jedha.
ROM 15:11 Amma illee, “Yaa Namoota Ormaa, hundi keessan Gooftaa jajadhaa; namoonni hundinuus faarfannaadhaan isa leellisaa” jedha.
ROM 15:12 Akkasumas Isaayyaas, “Hiddi Isseey kan saboota bulchuuf kaʼu tokko ni dhufa; Namoonni Ormaas isa abdatu” jedha.
ROM 15:13 Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
ROM 15:14 Yaa obboloota ko, isin ofii keessanii akka gaarummaadhaan guutuu taatan, akka beekumsaan guutamtanii fi akka wal gorsuu dandeessan ani iyyuu hubadheera.
ROM 15:15 Ani sababii ayyaana Waaqni naaf kenneetiif waan tokko tokko isin yaadachiisuuf jedhee ija jabinaan isinii barreesseera;
ROM 15:16 kunis akka Namoonni Ormaa Hafuura Qulqulluun Qulqulleeffamanii fuula Waaqaa duratti aarsaa fudhatama qabu taʼanii fi akka ani lubummaa wangeela Waaqaa lallabuutiin Namoota Ormaatiif tajaajilaa Kiristoos Yesuus taʼuuf.
ROM 15:17 Kanaafuu ani Waaqa tajaajiluu kootiin Kiristoos Yesuusiin nan boona.
ROM 15:18 Ani waan Kiristoos waan ani jedhee fi hojjedheen akka Namoonni Ormaa Waaqaaf ajajaman gochuudhaan karaa kootiin raawwateen alatti homaa dubbachuuf ija hin jabaadhu;
ROM 15:19 kunis humna mallattoo fi dinqiitiin, humna Hafuura Qulqulluutiinis raawwatame. Kanaafuu ani Yerusaalemii jalqabee naannaʼuun hamma Ilwaariqoonitti guutummaatti wangeela Kiristoos lallabeera.
ROM 15:20 Ani akka hundee namni biraa buuse irratti hin ijaarreef lafa Kiristoos itti hin beekaminitti wangeela lallabuuf yeroo hunda tattaaffadheera.
ROM 15:21 Kunis isa, “Warri waaʼeen isaa itti hin himamin ni argu; warri hin dhagaʼinis ni hubatu” jedhamee barreeffamee dha.
ROM 15:22 Anis kan yeroo baayʼee gara keessan dhufuu dhowwameef kanuma.
ROM 15:23 Amma garuu naannoowwan kanneenitti iddoon itti hojjedhu waan hin jirree fi anis waan isin arguuf waggaa baayʼee hawwaa tureef,
ROM 15:24 yeroo Isphaaniyaa dhaqu isinitti goruu nan yaada. Anis yeroo achi irra darbu erga isin argee xinnoo isin wajjin gammadee booddee akka imala koo irratti na gargaartan nan abdadha.
ROM 15:25 Amma garuu ani qulqulloota tajaajiluuf Yerusaalem dhaquuttin jira.
ROM 15:26 Warri Maqedooniyaatii fi Akaayaa qulqulloota Yerusaalem jiraatan keessaa kanneen hiyyeeyyii taʼaniif buusii gochuutti gammadaniiruutii.
ROM 15:27 Isaan waan kana gochuuf ni gammadan; dhugumaanuu waan kana isaaniif gochuun dirqama isaanii ti. Namoonni Ormaa erga eebba hafuuraa Yihuudoota irraa qooddatanii, eebba isaanii kan foonii immoo Yihuudootaaf qooduun dirqama isaanii ti.
ROM 15:28 Kanaaf ani ergan waan kana raawwadhee, akka isaan buusii kana fudhatan mirkaneeffadhee booddee goree isin ilaalee Isphaaniyaa nan dhaqa.
ROM 15:29 Ani yommuu gara keessan dhufu akka eebba Kiristoosiin guutamee dhufu nan beeka.
ROM 15:30 Yaa obboloota, akka isin kadhannaa Waaqa kadhattan keessatti naaf kadhachuudhaan na wajjin dhamaatan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin, jaalala Hafuura Qulqulluutiinis isinin kadhadha.
ROM 15:31 Akka ani namoota Yihuudaa keessa jiraatan kanneen hin amanin jalaa baʼuu fi akka tajaajilli koos Yerusaalem keessatti qulqulloota achi jiraatan biratti fudhatama argatu naaf kadhadhaa;
ROM 15:32 kunis akka ani fedhii Waaqaatiin, gammachuudhaan isin bira dhufee isin wajjin boqodhuuf.
ROM 15:33 Waaqni nagaa hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
ROM 16:1 Obboleettii keenya Feebeen tajaajiltuu waldaa kiristaanaa ishee Kanchireʼaa imaanaa isinitti nan kennadha.
ROM 16:2 Isheen namoota baayʼeef, anaafis gargaarsa guddaa waan taateef akka isin simannaa qulqullootaaf maluun Gooftaadhaan ishee simattanii fi akka gargaarsa isheen isin irraa barbaaddu kam iyyuu isheef gootan isinin kadhadhaa.
ROM 16:3 Phirisqilaa fi Aqiilaa, warra Kiristoos Yesuusiin na wajjin tajaajilanitti nagaa naa himaa.
ROM 16:4 Isaan naa jedhanii lubbuu isaanii balaaf saaxilan. Utuu ana qofa hin taʼin Waldaaleen Kiristaanaa Namoota Ormaa hundinuus isaan galateeffatu.
ROM 16:5 Waldaa Kiristaanaa kan mana isaaniitti walitti qabamtuttis nagaa naa himaa. Biyya Asiyaa keessaa Kiristoositti amanuutti hangafa kan taʼe michuu koo jaallatamaa Axeenexoonittis nagaa naa himaa.
ROM 16:6 Maariyaam ishee baayʼee isinii dhamaatettis nagaa naa himaa.
ROM 16:7 Firoota koo warra na wajjin hidhaman Androoniqoosii fi Yuuniyaanittis nagaa naa himaa. Isaan warra ergamoota keessaa maqaa gaarii qaban kanneen na dura Kiristoositti amananii dha.
ROM 16:8 Amphiliyaaxos isa ani Gooftaadhaan jaalladhutti nagaa naa himaa.
ROM 16:9 Urbaanos isa Kiristoosin nu wajjin tajaajiluu fi michuu koo jaallatamaa Isxaakisittis nagaa naa himaa.
ROM 16:10 Apheelees isa Kiristoositti amanamuun isaa qoramee mirkaneeffametti nagaa naa himaa. Warra mana Arisxoobuluu jiraatanittis nagaa naa himaa.
ROM 16:11 Fira koo Heroodiyoonaatti, nagaa naa himaa. Warra mana Naarkisoos jiraatan kanneen Gooftaatti amananittis nagaa naa himaa.
ROM 16:12 Warra Gooftaatti amananii dhamaʼan Tiriifeenaa fi Tiriifoosaatti nagaa naa himaa. Pharsiis jaallatamtuu hojii Gooftaatti amantee baayʼee dhamaatettis nagaa naa himaa.
ROM 16:13 Ruufoos isa Gooftaadhaan filatamee fi haadha isaa ishee anaafis haadha taatetti nagaa naa himaa.
ROM 16:14 Asinqiriixoositti, Fileegoonitti, Hermeesitti, Phaaxroobaasitti, Hermaasittii fi obboloota isaan wajjin jiranitti nagaa naa himaa.
ROM 16:15 Filologoonitti, Yuuliyaatti, Neeriyoosittii fi obboleettii isaatti, Olimphaasittii fi qulqulloota isaan wajjin jiran hundattis nagaa naa himaa.
ROM 16:16 Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa. Waldaaleen Kiristoos hundinuu nagaa isinii dhaamu.
ROM 16:17 Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa.
ROM 16:18 Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Kiristoosin hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu.
ROM 16:19 Waaʼeen ajajamuu keessanii nama hundumaa biratti dhagaʼameera; anis isinitti nan gammada; garuu akka isin waan gaariif ogeeyyii, waan hamaaf immoo garraamota taatan nan barbaada.
ROM 16:20 Waaqni nagaa dafee Seexana miilla keessan jalatti ni burkuteessa. Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.
ROM 16:21 Xiimotewos inni na wajjin tajaajilu, akkasumas firoonni koo Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nagaa isinii dhaamu.
ROM 16:22 Ani Xerxiwoos barreessaan xalayaa kanaa Gooftaadhaan nagaa isinii dhaama.
ROM 16:23 Gaayoos inni anaa fi waldaa Kiristaanaa guutuu keessumsiisus nagaa isinii dhaama. Bulchaan maallaqaa kan magaalaa kanaa Erisxoos, akkasumas obboleessi keenya Quʼasxiroos nagaa isinii dhaamu. [
ROM 16:24 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.]
ROM 16:25 Egaa Waaqni akka wangeela koottii fi lallaba waaʼee Yesuus Kiristoositti, akka mulʼata icciitii bara dheeraaf dhokfamee tureettis jabeessee isin dhaabuu ni dandaʼa;
ROM 16:26 amma garuu akka saboonni hundinuu Waaqatti amananii fi isaaf ajajamaniif icciitiin sun ajaja Waaqa bara baraatiin katabbiiwwan raajotaatiin ifatti baafameera; beeksifameeras.
ROM 16:27 Waaqa kophaa isaa ogeessa taʼe sanaaf karaa Yesuus Kiristoosiin ulfinni bara baraan haa taʼu! Ameen.
1CO 1:1 Phaawulos isa akka ergamaa Kiristoos Yesuus taʼuuf fedhii Waaqaatiin waamamee fi obboleessa keenya Soosteenes irraa,
1CO 1:2 Gara waldaa Waaqaa ishee Qorontos keessa jirtuutti, gara warra Kiristoos Yesuusiin qulqulleeffamanii fi warra lafa hundaa kanneen maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa Gooftaa isaaniitii fi Gooftaa keenyas taʼe sanaa waammatan hunda wajjin qulqulloota taʼuuf waamamaniitti:
1CO 1:3 Ayyaannii fi nagaan Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa isiniif haa taʼu.
1CO 1:4 Ani yeroo hunda ayyaana Waaqaa isa Kiristoos Yesuusiin isinii kennameef waaʼee keessaniif Waaqa nan galateeffadha.
1CO 1:5 Isinis karaa hundaan jechuunis dubbii fi beekumsa hundaan isaan badhaataniirtu;
1CO 1:6 wanti nu waaʼee Kiristoos dhugaa baane sun isin gidduutti mirkaneeffameeraatii.
1CO 1:7 Kanaafuu utuu mulʼachuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirtanuu kennaan hafuuraa tokko iyyuu isin jalaa hin hirʼatu.
1CO 1:8 Akka isin guyyaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti warra mudaa hin qabne taataniifis inni hamma dhumaatti jabeessee isin eega.
1CO 1:9 Waaqni gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti isin waame sun amanamaa dha.
1CO 1:10 Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin kadhadha.
1CO 1:11 Yaa obboloota ko, akka isin gidduu lolli jiru warri mana Kiloʼee jiraatan tokko tokko natti himaniiru.
1CO 1:12 Wanti ani jedhus kana: Isin keessaa namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedha; inni kaan, “Ani kan Apholoos” jedha; kaanis, “Ani kan Keefaa ti” jedha; kaan immoo, “Ani kan Kiristoos” jedha.
1CO 1:13 Kiristoos gargar qoodameeraa? Phaawulositu isinii fannifame ree? Yookaan maqaa Phaawulosiin cuuphamtanii?
1CO 1:14 Ani Kiriisphoosii fi Gaayoosin malee isin keessaa nama tokko illee waan hin cuuphiniif Waaqa nan galateeffadha.
1CO 1:15 Kanaaf namni akka isin maqaa kootiin cuuphamtan dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
1CO 1:16 Eeyyee, ani warra mana Isxiifaanaas jiraatanis akkasuma cuupheera; sanaan alatti nama biraa tokko illee cuuphuu koo hin yaadadhu.
1CO 1:17 Kiristoos akka ani wangeela lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Kiristoos humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu.
1CO 1:18 Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Waaqaa ti.
1CO 1:19 Kunis, “Ani ogummaa ogeeyyii nan balleessa; hubannaa hubattootaas nan fashaleessa” jedhamee barreeffameera.
1CO 1:20 Namni ogeessi eessa jira? Hayyuun eessa jira? Falaasamaan bara kanaa eessa jira? Waaqni ogummaa addunyaa kanaa gowwummaa hin goonee ree?
1CO 1:21 Sababii ogummaa Waaqaatiin addunyaan karaa ogummaa isheetiin Waaqa waan hin beekiniif, Waaqni gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu jaallate.
1CO 1:22 Yihuudoonni mallattoo fedhu; Giriikonni immoo ogummaa barbaadu;
1CO 1:23 nu garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha;
1CO 1:24 warra waamamaniif garuu Yihuudootaafis taʼu Giriikotaaf Kiristoos humna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaa ti.
1CO 1:25 Gowwummaan Waaqaa ogummaa namaa caalaa ogeessaatii; dadhabbiin Waaqaas jabina namaa irra jabaa dha.
1CO 1:26 Yaa obboloota, isin yeroo waamamtanitti maal akka turtan yaadadhaa. Akka ilaalcha namaatti baayʼeen keessan ogeeyyii hin turre; baayʼeen keessanis beekamoo hin turre; baayʼeen keessan immoo sanyii warra gurguddaa irraa hin dhalanne.
1CO 1:27 Waaqni garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Waaqni warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate.
1CO 1:28 Waaqni waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate;
1CO 1:29 kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef.
1CO 1:30 Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha.
1CO 1:31 Kunis akkuma, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu” jedhamee barreeffamee dha.
1CO 2:1 Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne.
1CO 2:2 Ani yeroon isin bira turetti Yesuus Kiristoos isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii.
1CO 2:3 Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe.
1CO 2:4 Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre;
1CO 2:5 kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef.
1CO 2:6 Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti.
1CO 2:7 Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna.
1CO 2:8 Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii.
1CO 2:9 Taʼu iyyuu akkuma, “Waan Waaqni warra isa jaallataniif qopheesse iji hin argine, gurri hin dhageenye, garaa namaattis hin yaadamne” jedhamee barreeffame sana,
1CO 2:10 Waaqni garuu Hafuura isaatiin waan kana nutti mulʼiseera. Hafuurri wantoota hunda, wantoota Waaqaa kanneen gad fagoo taʼan illee ni qora.
1CO 2:11 Hafuura isa keessa jiru malee yaada nama tokkoo eenyutu beeka? Akkasuma immoo Hafuura Waaqaa malee kan yaada Waaqaa beeku tokko iyyuu hin jiru.
1CO 2:12 Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne.
1CO 2:13 Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina.
1CO 2:14 Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu.
1CO 2:15 Namni Hafuuraa waan hundumaa ni qora; ofii isaatii garuu eenyuun iyyuu hin qoramu.
1CO 2:16 “Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.
1CO 3:1 Yaa obboloota, ani akka namoota foonii warra Kiristoositti daaʼimman taataniitti malee akka namoota Hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye.
1CO 3:2 Waan isin nyaata jabaa nyaachuu hin gaʼiniif ani aannan isiniif kenne malee nyaata cimaa isinii hin kennine. Dhugumaan isin amma iyyuu nyaachuu hin dandeenye.
1CO 3:3 Isin amma iyyuu nama foonii ti. Sababii hinaaffaa fi wal qoccoluun isin gidduu jiruuf isin nama foonii mitii? Akkuma namoota kaaniitti jiraattu mitii?
1CO 3:4 Namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedhee, inni kaan immoo, “Ani kan Apholoos” yoo jedhe isin namuma qofa mitii ree?
1CO 3:5 Egaa Apholoos eenyu? Phaawulosis eenyu? Isaan warra akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti tajaajilanii dha; isin immoo karaa isaaniitiin amantan.
1CO 3:6 Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise.
1CO 3:7 Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti.
1CO 3:8 Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu.
1CO 3:9 Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.
1CO 3:10 Anis ayyaana Waaqni naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba.
1CO 3:11 Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos.
1CO 3:12 Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare,
1CO 3:13 guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora.
1CO 3:14 Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata.
1CO 3:15 Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama.
1CO 3:16 Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii?
1CO 3:17 Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.
1CO 3:18 Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu.
1CO 3:19 Ogummaan addunyaa kanaa fuula Waaqaa duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, “Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba” jedhamee barreeffamee dha.
1CO 3:20 Akkasumas, “Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka” jedhameera.
1CO 3:21 Kanaafuu eenyu iyyuu namaan hin booniin! Wanni hundinuu keessaniitii;
1CO 3:22 Phaawulosis taʼu Apholoos yookaan Keefaan yookaan addunyaan yookaan jireenyi yookaan duuti yookaan wanti amma jirus taʼu wanti dhufu hundinuu keessan;
1CO 3:23 isin kan Kiristoos; Kiristoos immoo kan Waaqaa ti.
1CO 4:1 Kanaafuu namni akka tajaajiltoota Kiristoosii fi akka warra icciitiin Waaqaa imaanaa itti kennameetti nu ilaaluu qaba.
1CO 4:2 Warra imaanaan itti kenname sanas amanamoo taʼuutu irraa eegama.
1CO 4:3 Yoo isiniin yookaan nama kaaniin natti murame ani homaattuu hin lakkaaʼu; dhugumaan anuu ofitti hin muru.
1CO 4:4 Yaadni garaa koo qulqulluu dha; kun garuu qulqullina koo hin mirkaneessu. Kan natti muru Gooftaa dha.
1CO 4:5 Kanaafuu isin utuu yeroon murteeffame sun hin gaʼin murtii tokko iyyuu hin kenninaa; hamma Gooftaan dhufutti eegaa. Inni waan dukkana keessatti dhokfame ifatti ni baasa; hawwii garaa namaas ni mulʼisa. Yeroo sana namni hundinuu Waaqa biraa galata ni argata.
1CO 4:6 Egaa yaa obboloota, ani akka isin jechi, “Waan barreeffame irra hin darbin” jedhu sun maal jechuu akka taʼe nurraa barattaniif buʼaa keessaniif jedhee waan kana hunda Apholoosii fi ofii kootti fakkeesseera; kunis akka isin nama tokko isa kaan caalchiftanii hin koorreef.
1CO 4:7 Eenyutu akka ati warra kaan caaltu si godhe? Wanni Waaqni siif hin kennin kan ati qabdu maal faatu jira? Erga siif kennamee immoo akka waan kennaa hin taʼiniitti maaliif boonta ree?
1CO 4:8 Amma isin waan barbaaddan hundumaa argattaniirtu! Sooromtaniirtus! Nurraa gargar baatanii mootota taataniirtu! Nus akka isin wajjin mootota taanuuf utuu isin mootota taatanii ani akkaman hawwa ture!
1CO 4:9 Waaqni, nu ergamoota akka namoota duuti itti murtaaʼeetti waan dhuma hiriiraa nu taasise natti fakkaataatii. Nu addunyaa duratti, ergamootaa fi namoota durattis waan daawwatamu taaneerra.
1CO 4:10 Nu Kiristoosiif jennee gowwoota; isin garuu Kiristoosiin ogeeyyii dha! Nu dadhaboo dha; isin immoo jajjabeeyyii dha! Isin kabajamtoota; nu immoo tuffatamtoota!
1CO 4:11 Hamma saʼaatii ammaatti ni beelofna; ni dheebonna; ni daarra; ni reebamna; mana jireenyaas hin qabnu.
1CO 4:12 Harkuma keenyaan hojjechuudhaanis ni dadhabna. Yommuu abaaramnu ni eebbifna; yommuu ariʼatamnus ni obsina.
1CO 4:13 Yommuu arrabsamnu, waan gaarii deebifna; hamma yeroo kanaattis xurii lafaatii fi kosii addunyaa taaneerra.
1CO 4:14 Kanas isinii barreessuun koo akka ijoollee koo kanneen jaallatamaniitti isin gorsuudhaaf malee isin qaanessuuf miti.
1CO 4:15 Isin yoo karaa Kiristoosiin guddiftoota kuma kudhan qabaattan iyyuu, abbootii baayʼee hin qabdan; ani Kiristoos Yesuusiin karaa wangeelaatiin abbaa keessan taʼeeraatii.
1CO 4:16 Kanaaf ani akka isin fakkeenya koo duukaa buutan isinan kadhadha.
1CO 4:17 Sababii kanaafis ani ilma koo isan jaalladhu, kan Gooftaattis amanamaa taʼe Xiimotewosin gara keessanitti ergeera. Innis haala jireenya koo kan ani Kiristoos Yesuusiin argadhe kan waan ani iddoo hundatti waldaa kiristaanaa hunda keessatti barsiisu wajjin deemu sana isin yaadachiisa.
1CO 4:18 Isin keessaa namoonni tokko tokko waan ani gara keessan hin dhufne seʼanii of tuulanii jiru.
1CO 4:19 Yoo fedhii Waaqaa taʼe garuu ani dafee gara keessan nan dhufa; ergasii waan of tuultonni kunneen dubbatan qofa utuu hin taʼin humna isaan qabanis beekuu nan barbaada.
1CO 4:20 Mootummaan Waaqaa humnaan malee dubbiidhaan miti.
1CO 4:21 Isin maal barbaaddu? Ani ulee qabadhee moo jaalalaa fi hafuura gad of qabuutiin gara keessan dhufa?
1CO 5:1 Akka halalummaan ormoota keessatti illee hin beekamin isin gidduu jiru odeeffamaa jira: namni niitii abbaa isaa wajjin ciise tokko jiraatii.
1CO 5:2 Isinis of tuultaniirtu! Qooda kanaa akka malee gadditanii namicha waan akkasii hojjete sana tokkummaa keessan keessaa baasuun isin irra hin jiruu?
1CO 5:3 Ani fooniin isin biratti argamuu baadhu illee hafuuraan isin wajjinan jira. Ani akka waan isin wajjin jiruutti namicha waan akkasii hojjetetti ammuma mureera.
1CO 5:4 Yommuu isin maqaa Gooftaa keenya Yesuusiin walitti qabamtanitti anis yeroo hafuuraan isin wajjin taʼuuttii fi humna Gooftaa keenya Yesuus arganutti,
1CO 5:5 akka foon isaa balleeffamuuf, akka hafuurri isaa immoo guyyaa Gooftaatti fayyuuf namicha kana dabarsaatii Seexanatti kennaa.
1CO 5:6 Of tuuluun keessan gaarii miti. Isin akka raacitiin xinnoon bukoo guutuu bukeessitu hin beektanii?
1CO 5:7 Isin waan bukoo raacitii hin qabne taataniif akka Maxinoo haaraa taataniif raacitii moofaa of keessaa baasaatii gataa; hoolaan Faasiikaa keenya, Kiristoos aarsaa nuuf taʼeeraatii.
1CO 5:8 Kanaafuu kottaa raacitii moofaa yookaan raacitii jalʼinaatii fi hamminaatiin utuu hin taʼin Buddeena Hin bukaaʼin kan qulqullinaa fi dhugaa of keessaa qabuun ayyaanicha ayyaaneffannaa.
1CO 5:9 Ani akka isin namoota halalummaadhaan jiraatan wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef xalayaa koo keessatti isinii barreesseen ture;
1CO 5:10 kunis gonkumaa namoota halalummaadhaan addunyaa kana irra jiraatan yookaan doqnootaa fi saamtota yookaan warra Waaqa tolfamaa waaqeffatan jechuu koo miti. Utuu akkas taʼee immoo silaa addunyaa kana keessaa baʼuu qabdu ture.
1CO 5:11 Ani garuu akka isin nama, “Ani obboleessa” ofiin jechaa halalummaan jiraatu yookaan doqna yookaan nama Waaqa tolfamaa waaqeffatu yookaan maqaa nama balleessu yookaan machooftuu yookaan saamtuu wajjin walitti dhufeenya hin qabaanneef amma isinii barreessa. Nama akkasii wajjin nyaata iyyuu hin nyaatinaa!
1CO 5:12 Warra ala jiranitti muruun hojii kootii? Isin warra keessa jiranitti muruu hin qabdanii?
1CO 5:13 Waaqni warra ala jiranitti ni mura; “Nama hamaa of keessaa baasaa!”
1CO 6:1 Isin keessaa namni kam iyyuu yoo nama biraa irraa falmii qabaate, dhimma isaa qulqulloota duratti dhiʼeeffachuu irra akkamitti warra Waaqatti hin amanin duratti murtiif dhiʼeeffachuuf ija jabaata?
1CO 6:2 Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii?
1CO 6:3 Isin akka nu ergamoota Waaqaatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree?
1CO 6:4 Egaa yoo falmii dhimma akkasii qabaattan maaliif namoota waldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman duratti dhiʼeeffattu ree?
1CO 6:5 Anis isin qaanessuuf waan kana nan dubbadha. Namni beekaan falmii amantoota gidduu jiruuf murtii kennuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru jechuudhaa?
1CO 6:6 Obboleessi tokko obboleessa kaan himachuuf jedhee mana murtii dhaqa; kunis fuula warra hin amannee duratti!
1CO 6:7 Wal himachuun keessan amma iyyuu guutumaatti moʼatamuu keessan argisiisa. Qooda kanaa dabni isinitti hojjetamuu hin wayyuu? Gowwoomfamuu isinii hin wayyuu?
1CO 6:8 Garuu isin mataan keessan iyyuu ni gowwoomsitu; dabas ni hojjettu; kanas obbolootuma keessanitti hojjettu.
1CO 6:9 Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan,
1CO 6:10 yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan.
1CO 6:11 Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.
1CO 6:12 “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; “Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;” garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu.
1CO 6:13 “Nyaanni garaadhaaf; garaanis nyaataaf;” Waaqni garuu lachan isaanii iyyuu ni balleessa. Dhagni Gooftaa tajaajiluudhaaf malee halalummaaf miti; Gooftaanis dhagnaaf.
1CO 6:14 Waaqni humna isaatiin warra duʼan keessaa Gooftaa kaaseera; nus akkasuma ni kaasa.
1CO 6:15 Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Kiristoos taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Kiristoos fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu!
1CO 6:16 Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? “Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu” jedhameeraatii.
1CO 6:17 Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.
1CO 6:18 Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta.
1CO 6:19 Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti;
1CO 6:20 isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
1CO 7:1 Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha.
1CO 7:2 Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu.
1CO 7:3 Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu.
1CO 7:4 Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha.
1CO 7:5 Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.
1CO 7:6 Kanas ani eeyyamaan malee ajajaaf hin dubbadhu.
1CO 7:7 Ani utuu namni hundumtuu akkuma koo taʼee nan hawwa ture. Garuu namni hundi kennaa ofii isaa kan Waaqni isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa tokko, kaan immoo kennaa biraa qaba.
1CO 7:8 Ani warra hin fuudhinii fi warra hin heeruminiin, haadhota hiyyeessaatiin illee akkanan jedha: Isaan yoo akkuma koo fuudhaa fi heeruma malee hafan isaaniif wayya.
1CO 7:9 Yoo of qabuu dadhaban garuu haa fuudhan yookaan haa heeruman; hawwiin gubachuu irra fuudhuu yookaan heerumuu wayyaatii.
1CO 7:10 Warra fuudhanii fi warra heerumaniifis ajajni ani kennu kana: Ajaja kanas Gooftaatu kenna malee ana miti; niitiin dhirsa isheetiin gargar hin baʼin.
1CO 7:11 Yoo gargar baate garuu utuu hin heerumin haa jiraattu; yoo kanaa achii dhirsa isheetti haa araaramtu. Dhirsis niitii isaa hin hiikin.
1CO 7:12 Warra hafaniinis ani akkanan jedha: Kana immoo anatu jedha malee Gooftaa miti; obboleessi kam iyyuu yoo niitii amantii hin qabne qabaate, yoo isheenis isa wajjin jiraachuuf fedhii qabaatte, inni ishee hin hiikin.
1CO 7:13 Dubartiin tokkos yoo dhirsa amantii hin qabne qabaatte, yoo innis ishee wajjin jiraachuuf fedhii qabaate, isheen isa hin hiikin.
1CO 7:14 Dhirsi amantii hin qabne karaa niitii isaatiin qulqulleeffameeraatii; niitiin amantii hin qabnes karaa dhirsa isheetiin qulqulleeffamteertii. Yoo kanaa achii ijoolleen keessan xuraaʼoo taʼu; amma garuu qulqulloota.
1CO 7:15 Namni amantii hin qabne garuu yoo gargar baʼuu fedhe gargar haa baʼu. Obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko haala akkasii keessatti hin hidhaman; Waaqni akka isin nagaan jiraattaniif isin waameeraatii.
1CO 7:16 Yaa niitii, ati dhirsa kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta? Yookaan yaa dhirsa, ati niitii kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta?
1CO 7:17 Tokkoon tokkoon namaa garuu akkuma jireenya Gooftaan kenneefiitti, akkuma Waaqni isa waamettis haa jiraatu. Waldoota Kiristaanaa hunda keessattis ajajni koo kanuma.
1CO 7:18 Namni tokko waamamuu isaatiin dura dhagna qabatee ture? Inni nama dhagna hin qabatin taʼuu hin qabu. Namni tokko waamamuu isaatiin dura dhagna hin qabannee? Inni dhagna hin qabatin.
1CO 7:19 Ajaja Waaqaa eeguutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
1CO 7:20 Tokkoon tokkoon namaa haaluma yeroo Waaqni isa waametti keessa ture keessa haa jiraatu.
1CO 7:21 Ati yeroo waamamtetti garba turtee? Yoo akkas taʼe inni si hin yaaddessin; yoo bilisa baʼuu dandeesse garuu itti fayyadami.
1CO 7:22 Namni yeroo Gooftaadhaan waamametti garba ture inni gooftaadhaaf bilisa; akkasuma immoo namni yeroo waamametti bilisa ture inni garbicha Kiristoos.
1CO 7:23 Isin gatiidhaan bitamtan; garboota namootaa hin taʼinaa.
1CO 7:24 Yaa obboloota, tokkoon tokkoon namaa haaluma yeroo itti waamametti keessa tureen fuula Waaqaa dura haa jiraatu.
1CO 7:25 Ani waaʼee dubarran qulqulluu ajaja Gooftaan natti kenne hin qabu; garuu akka nama amanamaa taʼuuf araara Gooftaa argate tokkootti yaada koo nan kenna.
1CO 7:26 Sababii rakkina ammaatiif jettanii akkuma jirtanitti turuun isiniif gaarii natti fakkaata.
1CO 7:27 Ati niitiitti hidhamteertaa? Ishee hiikuu hin barbaadin. Ati niitii irraa hiikamteertaa? Niitii hin barbaadin.
1CO 7:28 Ati garuu yoo fuute cubbuu hojjechuu kee miti; durbis yoo heerumte cubbuu hojjechuu ishee miti. Taʼus addunyaa kana irratti warra fuudhanii fi warra heeruman rakkinatu argata; ani immoo rakkina kana jalaa isin baasuun barbaada.
1CO 7:29 Yaa obboloota, wanti ani jedhu kana; yeroon murteeffame sun gabaabateera; siʼachi warri niitii qaban akka waan hin qabaatiniitti haa jiraatan;
1CO 7:30 warri booʼan akka waan hin booʼiniitti, warri gammadan akka waan hin gammadiniitti, warri waa bitatan akka waan wanni bitatan sun kan isaanii hin taʼiniitti,
1CO 7:31 warri waan addunyaa kanaatti fayyadamanis akka waan itti hin fayyadaminiitti haa hedan. Bifti addunyaa kanaa ni badaatii.
1CO 7:32 Ani akka isin yaaddoo malee jiraattan nan hawwa. Namni hin fuudhin tokko Gooftaa gammachiisuuf dhimma Gooftaatti dhimma.
1CO 7:33 Namni fuudhe garuu niitii isaa gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimma;
1CO 7:34 fedhiin isaas gargar qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookaan durbi qulqulluun dhagnaa fi hafuuraan qulqulluu taʼuuf dhimma Gooftaatti dhimmiti. Dubartiin heerumte garuu dhirsa ishee gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimmiti.
1CO 7:35 Kana jechuun koos isin fayyaduuf malee kiyyootti isin galchuuf miti; qooda kanaa akka isin yaada gargar hin hiraminiin karaa qajeelaa irra Gooftaaf jiraattan nan hawwa.
1CO 7:36 Namni kam iyyuu yoo durba kaadhimate sirriitti qabuu baate, yoo umuriin ishee dabalaa deemee innis akka ishee fuudhuu qabu yaade, akkuma fedhii isaa haa godhu. Inni cubbuu hojjechuu isaa miti. Isaan wal fuudhuu qabu.
1CO 7:37 Garuu namni waan kana yaada ofii isaatiin murteesse, kan dirqama tokko illee jala hin jirree fedhii ofii isaa moʼachuu dandaʼu, kan akka durba sana hin fuune murteeffate, innis waan qajeelaa hojjete.
1CO 7:38 Kanaafuu namni durba fuudhu waan qajeelaa hojjete; kan ishee fuudhuu dhiise immoo caalaa waan qajeelaa hojjete.
1CO 7:39 Dubartiin tokko hamma dhirsi ishee jirutti isatti hidhamteerti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu isheen abbaa barbaaddetti heerumuuf bilisa; garuu inni nama Gooftaa taʼuu qaba.
1CO 7:40 Akka yaada kootti garuu isheen yoo utuu hin heerumin hafte caalaa gammaddi; anis Hafuura Waaqaa of keessaa nan qaba jedheen yaada.
1CO 8:1 Waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamee akka nu hundinuu beekumsa qabnu beekna. Beekumsi of nama tuulchisa; jaalalli garuu nama ijaara.
1CO 8:2 Namni waan waa beeku of seʼu inni amma illee akka beekuun isa irra jirutti hin beeku.
1CO 8:3 Namni Waaqa jaallatu garuu Waaqaan beekameera.
1CO 8:4 Egaa waaʼee nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaachuu irratti, “Akka addunyaa kana irratti Waaqni tolfamaan homaa hin fayyadne, Waaqa tokkicha malees akka Waaqni biraa hin jirre” beekna.
1CO 8:5 Dhugumaan akkuma waaqonni baayʼeenii fi gooftonni baayʼeen jiran sana wantoonni waaqota jedhaman samii irra yookaan lafa irra jiraatan iyyuu,
1CO 8:6 garuu Waaqa tokkicha, Abbaa, kan wanni hundi isa biraa dhufe, kan nus isaaf jiraannu qabna; akkasumas Gooftaa tokkicha, Yesuus Kiristoos kan wanni hundi karaa isaatiin dhufee fi kan nuus karaa isaatiin jiraannutu jira.
1CO 8:7 Garuu namni beekumsa kana qabu nama hunda miti. Namoonni tokko tokko waaqota tolfamoo waan baraniif yommuu nyaata akkanaa nyaatanitti akka waan Waaqa tolfamaaf dhiʼeeffameetti hedu; yaadni garaa isaaniis waan dadhabaa taʼeef ni xuraaʼa.
1CO 8:8 Nyaanni garuu Waaqatti nu hin dhiʼeessu; yoo nyaachuu baanne wanni nutti hammaatu, yoo nyaannes wanni nutti tolu hin jiru.
1CO 8:9 Taʼus akka mirgi keessan kun warra dadhabootti gufuu hin taaneef of eeggadhaa.
1CO 8:10 Namni yaada dadhabaa qabu tokko yoo utuu ati iyyuu namni beekumsa qabdu mana qulqullummaa Waaqa tolfamaa keessatti nyaattuu si arge inni waan waaqota tolfamoof dhiʼeeffame sana nyaachuuf ija hin jabaatuu?
1CO 8:11 Akkasiin obboleessi dadhabaan Kiristoos isaaf jedhee duʼe kun beekumsa keetiin bada.
1CO 8:12 Isinis yoo karaa kanaan obboloota keessanitti cubbuu hojjettan, yaada isaanii isa dadhabaas yoo madeessitan, isin Kiristoositti cubbuu hojjettu.
1CO 8:13 Kanaafuu yoo wanni ani nyaadhu obboleessa koo gufachiise, ani akka obboleessi koo hin gufanneef gonkumaa deebiʼee foon hin nyaadhu.
1CO 9:1 Ani bilisa mitii? Ani ergamaa mitii? Ani Gooftaa keenya Yesuusin hin arginee? Isin buʼaa hojii ani Gooftaaf hojjedhee mitii?
1CO 9:2 Ani yoon warra kaaniif ergamaa taʼuu baadhe iyyuu isiniif dhugumaan ergamaa dha! Isin Gooftaadhaan chaappaa ergamtummaa koo ti.
1CO 9:3 Deebiin ani warra na qoraniif kennu kana.
1CO 9:4 Nu nyaachuu fi dhuguuf mirga hin qabnuu?
1CO 9:5 Nu akkuma ergamoota kaanii, akkuma obboloota Gooftaatii fi akkuma Keefaa niitii amantu tokko of faana fudhannee deemuuf mirga hin qabnuu?
1CO 9:6 Yookaan anaa fi Barnaabaas qofatu hojii dhiisuuf mirga hin qabnee?
1CO 9:7 Namni baasii ofii isaatiin loltuu taʼee tajaajilu eenyu? Namni iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabee ija isaa hin nyaanne eenyu? Namni bushaayee tiksaa aannan hin dhugne eenyu?
1CO 9:8 Kanas ani akka taayitaa namaa qofaanan dubbadhaa? Seerris kanuma dubbata mitii?
1CO 9:9 Seera Musee keessatti, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin” jedhamee barreeffameeraatii. Egaa Waaqni qotiyyoodhaaf yaaduu isaatii ree?
1CO 9:10 Inni guutummaatti sababii keenyaaf dubbachuu isaa mitii? Eeyyee, kun sababii keenyaaf barreeffame; sababiin isaa inni qotu qotuun isaa, inni midhaan siribsiisus siribsiisuun isaa akka midhaan sana keessaa qooddatu abdachaa hojjechuu qaba.
1CO 9:11 Nu waan hafuuraa isin keessatti facaafnee yoo waan foonii isin irraa haammanne kun ni guddataa?
1CO 9:12 Erga warri kaan mirga gargaarsaa kana isin irraa qabaattanii, nu immoo kan caalu hin qabaannuu ree? Nu garuu mirga kanatti hin fayyadamne. Nu wangeela Kiristoositti gufuu taʼuu mannaa waanuma hunda obsuu qabna.
1CO 9:13 Isin akka warri mana qulqullummaa keessa wantoota qulqulluu irra tajaajilan nyaata isaanii mana qulqullummaa irraa argatan, akka warri iddoo aarsaa tajaajilan immoo waan iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamu irraa qooddatan hin beektanii?
1CO 9:14 Akkasuma immoo akka warri wangeela lallaban waan ittiin jiraatan wangeela irraa argatan Gooftaan ajajeera.
1CO 9:15 Ani garuu mirga kana keessaa tokkotti illee hin fayyadamne. Kanas isiniif barreessuun koo waan akkasii naa gootu jedhee abdadhee miti. Namni tokko waan ani ittiin of jaju kana na jalaa busheessuu mannaa ani duʼuu naa wayya!
1CO 9:16 Ani yoon wangeela lallabe of jajuu hin dandaʼu; lallabuun dirqama kootii. Yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf wayyoo!
1CO 9:17 Ani yoon fedhii kootiin lallabe badhaasa qaba; yoon fedhii kootiin hin taʼin garuu ani imaanaadhuma natti kenname sana raawwachuu koo ti.
1CO 9:18 Yoos badhaasni koo maali ree? Badhaasni koo, lallaba koo keessatti ani mirga wangeelaan qabutti guutuumaan guutuutti utuu hin fayyadamin kaffaltii malee wangeela lallabuu koo ti.
1CO 9:19 Ani nama hunda irraa bilisa taʼu iyyuu nama gara caaluuf buʼaa buusuuf jedhee nama hundaaf of garboomse.
1CO 9:20 Ani Yihuudootaaf buʼaa buusuuf jedhee Yihuudootaaf akka Yihuudii nan taʼe. Yoon ofii kootii seera jala jiraachuu baadhe iyyuu, warra seera jala jiraniif buʼaa buusuuf jedhee akka nama seera jala jiruu nan taʼe.
1CO 9:21 Ani utuun seera Waaqaatiin ala hin taʼin, garuu utuman seera Kiristoos jala jiruu, warra seera hin qabneef buʼaa buusuuf jedhee warra seera hin qabneef akka nama seera hin qabneen taʼe.
1CO 9:22 Ani warra dadhaboof buʼaa buusuuf jedhee warra dadhaboo biratti dadhabaan taʼe. Ani karaa dandaʼamu hundaan namoota tokko tokko fayyisuuf jedhee nama hunda biratti waanuma hunda nan taʼe.
1CO 9:23 Akkan wangeela keessatti hirmaadhuufis sababii wangeelaatiif jedhee waan kana hunda nan hojjedha.
1CO 9:24 Dorgommii fiigichaa keessatti akka warri fiigan hundinuu dorgoman, garuu akka namni tokko qofti badhaasa argatu hin beektanii? Isinis akkasuma akka badhaasa argattaniif fiigaa!
1CO 9:25 Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona.
1CO 9:26 Kanaafuu ani akka nama kaayyoo malee fiiguutti hin fiigu; akka nama qilleensa rukutuutti hin lolu.
1CO 9:27 Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.
1CO 10:1 Yaa obboloota, akka abbootiin keenya hundi duumessa jala turan, akka hundi isaaniis galaana keessa darban akka isin utuu hin beekin haftan ani hin barbaadu.
1CO 10:2 Hundi isaaniis kan Musee taʼuuf duumessaa fi galaanaan cuuphaman.
1CO 10:3 Hundi isaaniis nyaata hafuuraa tokkicha nyaatan.
1CO 10:4 Hundi isaaniis dhugaatii hafuuraa tokkicha dhugan. Isaan kattaa hafuuraa isa isaan wajjin deemaa ture irraa dhuganiiruutii; kattaan sunis Kiristoos ture.
1CO 10:5 Taʼu iyyuu waan Waaqni hedduu isaaniitti hin gammadiniif isaan lafa gammoojjii keessatti dhuman.
1CO 10:6 Wantoonni kunneen akka nu akkuma isaanii waan hamaa hin hawwineef fakkeenya nuu taʼan.
1CO 10:7 Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko godhan sana isin waaqota tolfamoo hin waaqeffatinaa; kunis akkuma, “Namoonni nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan” jedhamee barreeffamee dha.
1CO 10:8 Akka isaan keessaa namoonni tokko tokko halalummaa raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman sana, nu halalummaa raawwachuu hin qabnu.
1CO 10:9 Akka isaan keessaa tokko tokko Gooftaa qoranii bofaan ajjeefaman sana nu Gooftaa qoruu hin qabnu.
1CO 10:10 Isin akka isaan keessaa tokko tokko guungumanii isa nama balleessuun balleeffaman sana hin guunguminaa.
1CO 10:11 Kun hundi akka fakkeenya taʼuuf isaan irratti raawwatame; nuu warra dhumni baraa itti dhufeef immoo akka of eeggannaa taʼuuf barreeffame.
1CO 10:12 Kanaafuu namni waan dhaabate of seʼu akka hin kufneef of haa eeggatu.
1CO 10:13 Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
1CO 10:14 Kanaafuu yaa michoota ko, isin waaqota tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa.
1CO 10:15 Ani namoota hubannaa qabanittin dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu murteessaa.
1CO 10:16 Xoofoon eebbaa kan nu eebbifnu sun dhiiga Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Buddeenni nu caccabsinu sunis foon Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii?
1CO 10:17 Waan buddeenni tokko qofti jiruuf, nu baayʼee taanu iyyuu dhagnuma tokko; hundi keenya buddeenuma tokkicha sana irraa hirmaannaatii.
1CO 10:18 Mee saba Israaʼel ilaalaa: Warri aarsaa irraa nyaatan sun iddoo aarsaa irraa qooda qabu mitii?
1CO 10:19 Egaa maal jechuu koo ti? Nyaanni waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu wayi moo ree yookaan Waaqni tolfamaan wayi moo ree jechuu kootii?
1CO 10:20 Akkas miti; aarsaan namoonni ormaa dhiʼeessan hafuurota hamoodhaaf malee Waaqaaf miti; ani akka isin hafuurota hamoo wajjin tokkummaa qabaattan hin barbaadu.
1CO 10:21 Isin xoofoo Gooftaatii fi xoofoo hafuurota hamoo dhuguu hin dandeessan; maaddii Gooftaatii fi maaddii hafuurota hamoo irrattis hirmaachuu hin dandeessan.
1CO 10:22 Nu Gooftaa hinaaffaaf kakaafnaa? Nu isa caalaas jabaannaa?
1CO 10:23 “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan faayidaa qabu garuu waan hunda miti. “Wanni hundinuu anaaf eeyyamamaa dha;” kan nama fayyadu garuu waan hunda miti.
1CO 10:24 Namni tokko iyyuu waan warra kaaniif gaarii taʼe barbaaduu qaba malee waan ofii isaatiif gaarii taʼe barbaaduu hin qabu.
1CO 10:25 Utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan gabaa fooniitti gurguramu kam iyyuu nyaadhaa;
1CO 10:26 “Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu kan Gooftaatii.”
1CO 10:27 Warra hin amanin keessaa yoo namni tokko nyaataaf isin affeere, isinis yoo dhaquu barbaaddan dhaqaa; utuu gaaffii qalbii keessaa tokko illee hin kaasin waan isin duratti dhiʼeeffame kam iyyuu nyaadhaa.
1CO 10:28 Garuu yoo namni tokko, “Kun waaqota tolfamoodhaaf dhiʼeeffame” isiniin jedhe, sababii namicha isinitti hime sanaatii fi sababii qalbiitiif waan sana hin nyaatinaa.
1CO 10:29 Kanas qalbii namicha sanaati malee kan keeti jechuu koo miti. Maaliif qalbii nama biraatiin bilisummaa kootti murama ree?
1CO 10:30 Ani ergan galateeffachuudhaan nyaata sana irratti hirmaadhee maaliifan waan ittiin Waaqa galateeffadhuun balaaleffatama ree?
1CO 10:31 Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa.
1CO 10:32 Yihuudoota yookaan Giriikota yookaan waldaa kiristaanaa kan Waaqaa hin gufachiisinaa;
1CO 10:33 kunis akkuma ani nama hunda karaa hundaan gammachiisuuf yaalii godhutti jechuu dha. Ani akka isaan fayyaniif buʼaa namoota baayʼeetiif malee buʼaa kootiif jedhee waan kana hin godhu.
1CO 11:1 Akkuma ani Kiristoosin fakkaadhu, isinis na fakkaadhaa.
1CO 11:2 Ani sababii isin waan hundaan na yaadattanii fi waan duudhaa ani dabarsee isinitti kennes jabeessitanii qabattaniif isinin galateeffadha.
1CO 11:3 Ani akka mataan dhiira hundumaa Kiristoos taʼe, akka mataan dubartii dhiira taʼe, akka mataan Kiristoos immoo Waaqa taʼe akka beektan nan barbaada.
1CO 11:4 Dhiirri mataa isaa haguuggatee kadhatu yookaan raajii dubbatu hundinuu mataa ofii isaa salphisa.
1CO 11:5 Dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin kadhattu yookaan raajii dubbattu kam iyyuu mataa ofii ishee salphifti; kun akka waan mataan ishee haaddameetti hedamaatii.
1CO 11:6 Dubartiin tokko yoo mataa ishee haguuggachuu baatte rifeensa mataa ishee murachuu qabdi; dubartiin rifeensa mataa ishee murachuun yookaan haaddachuun yoo qaanii itti taʼe immoo mataa ishee haguuggachuu qabdi.
1CO 11:7 Dhiirri fakkaattii fi ulfina Waaqaa waan taʼeef mataa isaa haguuggachuu hin qabu; dubartiin garuu ulfina dhiiraa ti.
1CO 11:8 Dubartiitu dhiira irraa argame malee dhiirri dubartii irraa hin argamneetii;
1CO 11:9 dubartiitu dhiiraaf uumame malee dhiirri dubartiif hin uumamne.
1CO 11:10 Kanaafuu dubartiin sababii ergamoota Waaqaatiif mallattoo taayitaa mataa ishee irraa qabaachuu qabdi.
1CO 11:11 Taʼus Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee yookaan dhiirri dubartii malee hin taʼu.
1CO 11:12 Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma immoo dhiirri dubartii irraa dhalataatii; wanni hundi garuu Waaqa biraa argama.
1CO 11:13 Mee isinuu murteessaa; dubartiin utuu mataa ishee hin haguuggatin Waaqa kadhachuun sirriidhaa?
1CO 11:14 Akka dhiirri rifeensa mataa dheereffachuun isaaf salphina taʼe uumamni iyyuu isin hin barsiisuu?
1CO 11:15 Dubartiin garuu yoo rifeensa dheeraa qabaatte, inni isheef ulfina mitii? Rifeensi dheeraan akka haguuggiitti isheef kennameeraatii.
1CO 11:16 Garuu yoo abbaan fedhe iyyuu waaʼee kanaa mormuu barbaade, nu yookaan waldaaleen kiristaanaa Waaqaa duudhaa akkasii hin qabnu.
1CO 11:17 Walitti qabamuun keessan waan waa balleessu malee waa tolchu hin taʼiniif ani ajaja kana keessatti isin hin jaju.
1CO 11:18 Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana.
1CO 11:19 Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba.
1CO 11:20 Yommuu walitti qabamtanitti wanti isin nyaattan Irbaata Gooftaa miti;
1CO 11:21 yeroo nyaataatti namni hundinuu irbaata ofii isaa nyaata. Inni tokko ni beelaʼa; kaan immoo ni machaaʼa.
1CO 11:22 Isin mana itti nyaattanii fi itti dhugdan hin qabdan moo? Yookaan waldaa Kiristaanaa Waaqaa tuffattanii warra homaa hin qabne qaanessitu? Ani maalan isiniin jedha? Isin jajuu ree? Ani kanaan isin hin jaju!
1CO 11:23 Ani waanan dabarsee isinitti kenne kana Gooftaa irraa fudhadheeraatii; Gooftaa Yesuus halkan dabarfamee kenname sana buddeena fuudhee,
1CO 11:24 galata galche; buddeena sanas caccabsee, “Kun foon koo kan isiniif taʼuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedhe.
1CO 11:25 Akkasumas irbaata booddee xoofoo fuudhee, “Xoofoon kun kakuu haaraa dhiiga kootiin taʼuu dha; yeroo isa dhugdan hunda na yaadachuuf godhadhaa” jedhe.
1CO 11:26 Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu.
1CO 11:27 Kanaafuu namni haala hin malleen buddeena sana nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu foonii fi dhiiga Gooftaatti ni gaafatama.
1CO 11:28 Namni tokko utuu buddeena sana irraa hin nyaatin, utuu xoofoo sana irraas hin dhugin dura of qoruu qaba.
1CO 11:29 Namni utuu foon Gooftaa addaan baasee hin hubatin nyaatee dhugu, inni ofii isaatti murtii nyaatee dhugaatii.
1CO 11:30 Kanaafis isin keessaa hedduun dadhabaniiru; dhukkubsataniirus; hedduunis boqotaniiru.
1CO 11:31 Utuu of qorree garuu nutti hin muramu ture.
1CO 11:32 Gooftaan yommuu nutti muru garuu akka addunyaa wajjin nutti hin muramneef nu adaba.
1CO 11:33 Kanaafuu yaa obboloota ko, isin yommuu nyaachuuf walitti qabamtan wal eegaa.
1CO 11:34 Akka walitti qabamuun keessan murtii isinitti hin fidneef eenyu iyyuu yoo beelaʼe mana isaatti haa nyaatu! Waan hafe irratti immoo ani yommuun dhufutti qajeelcha nan kenna.
1CO 12:1 Yaa obboloota ko, egaa ani akka isin waaʼee kennaawwan hafuuraa wallaaltan hin barbaadu.
1CO 12:2 Isin yeroo ormoota turtanitti akka gowwoomfamtanii gara waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenyeetti geeffamtanii turtan ni beektu.
1CO 12:3 Kanaafuu namni Hafuura Waaqaatiin dubbatu kam iyyuu akka, “Yesuus abaaramaa dha” hin jenne, akka eenyu iyyuu yoo Hafuura Qulqulluudhaan taʼe malee, “Yesuus Gooftaa dha” jechuu hin dandeenye ani isinittin hima.
1CO 12:4 Kennaawwan gosa garaa garaatu jira; Hafuurri garuu tokkuma.
1CO 12:5 Tajaajila gosa garaa garaatu jira; Gooftaan garuu tokkuma.
1CO 12:6 Hojii gosa garaa garaatu jira; waan hundumaa garuu Waaqa tokkichatu nama hundumaan hojjeta.
1CO 12:7 Mulʼanni Hafuura Qulqulluu garuu faayidaa waliitiif tokkoo tokkoo namaatiif kennama.
1CO 12:8 Isa tokkoof karaa Hafuuraatiin dubbii ogummaatu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma sanaan dubbii beekumsaatu kennama;
1CO 12:9 isa kaaniif Hafuuruma sanaan amantiitu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma tokkicha sanaan kennaawwan warra dhukkubsatan fayyisuutu kennama;
1CO 12:10 isa tokkoof dinqiiwwan hojjechuu, isa kaaniif raajii dubbachuu, isa kaaniif hafuurota addaan baasee beekuu, isa kaaniifis afaan haaraa gosa adda addaa dubbachuu, isa kaaniif immoo afaan haaraa sana hiikuutu kennama.
1CO 12:11 Waan kana hundas Hafuuruma tokkicha sanatu akkuma fedhii ofii isaatti tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti hiruudhaan hojjeta.
1CO 12:12 Dhagni kutaa baayʼee qabaatu illee dhagnuma tokko; kutaawwan dhagnaa yoo baayʼatani illee hundi isaanii dhagnuma tokko taʼu. Kiristoosis akkasuma.
1CO 12:13 Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.
1CO 12:14 Dhagni kutaa tokko qofa utuu hin taʼin kutaawwan baayʼeedhaatii.
1CO 12:15 Miilli yoo, “Ani waanan harka hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa mitii” jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu.
1CO 12:16 Gurris yoo, “Ani waanan ija hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa miti” jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu.
1CO 12:17 Utuu dhagni guutumaatti ija taʼee jiraatee silaa dhagaʼuun eessa jira? Utuu dhagni guutumaatti gurra taʼee jiraatee silaa fuunfachuun eessa jira?
1CO 12:18 Amma garuu Waaqni akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera.
1CO 12:19 Utuu hundi isaanii kutaa dhagnaa tokkicha taʼanii silaa dhagni eessa jira?
1CO 12:20 Egaa kutaawwan dhagnaa baayʼee dha; dhagni garuu tokkuma.
1CO 12:21 Iji harkaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu; yookaan mataan miillaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu.
1CO 12:22 Dhugumaanuu kutaawwan dhagnaa kanneen dadhaboo fakkaatan akka malee barbaachisoo dha;
1CO 12:23 kutaawwan dhagnaa kanneen tuffatamoo nutti fakkaataniifis ulfina addaa ni kennina. Kutaawwan dhagnaa kanneen nu itti qaanofnuuf immoo ulfinni addaa ni kennama;
1CO 12:24 kutaawwan dhagna keenyaa kanneen nu itti hin qaanofne waan kana hin barbaadan. Waaqni garuu kutaawwan dhagnaa walitti fayyisee kutaawwan nu itti qaanofnuuf ulfina caalu kenne;
1CO 12:25 kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef.
1CO 12:26 Yoo kutaan dhagnaa tokko rakkate kutaawwan hundinuu isa wajjin rakkatu; yoo kutaan tokko ulfina argate kutaawwan hundi isa wajjin gammadu.
1CO 12:27 Isin amma dhagna Kiristoos; tokkoon tokkoon keessanis kutaa dhagna sanaa ti.
1CO 12:28 Waaqni waldaa Kiristaanaa keessatti tokkoffaa ergamoota, lammaffaa raajota, sadaffaa barsiistota, ergasiis warra hojii dinqii hojjetan, itti aansees warra kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qaban, warra namoota gargaaruu dandaʼan, warra kennaa bulchiinsaa qabanii fi warra afaan haaraa gosa addaa addaa dubbatan filateera.
1CO 12:29 Hundumatu ergamootaa? Hundumatu raajotaa? Hundumatu barsiistotaa? Hundinuu hojii dinqii hojjetuu?
1CO 12:30 Hundumatu kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qabaa? Hundumatu afaan haaraa dubbataa? Hundumatu afaan sana hiikaa?
1CO 12:31 Isin garuu jabeessaatii kennaa caalu barbaadaa. Amma illee ani karaa karaa hundumaa caalu isinitti nan argisiisa.
1CO 13:1 Ani yoon afaan namootaatii fi afaan ergamoota Waaqaa dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti.
1CO 13:2 Ani yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhe, icciitii hundaa fi beekumsa hunda hubachuu yoon dandaʼe, amantii gaara buqqisuu dandaʼus yoon qabaadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan ani homaa miti.
1CO 13:3 Ani yoon waanan qabu hunda hiyyeeyyiif kenne, dhagna koos akka gubamuuf yoon kenne, garuu jaalala qabaachuu baannaan homaa na hin fayyadu.
1CO 13:4 Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu.
1CO 13:5 Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.
1CO 13:6 Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu.
1CO 13:7 Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.
1CO 13:8 Jaalalli gonkumaa hin badu. Raajii taanaan ni darba; afaan haaraa taanaan ni hafa; beekumsas taanaan ni bada.
1CO 13:9 Nu beekumsa irraa gara tokko beeknaatii; raajiis gara tokko dubbanna;
1CO 13:10 yommuu inni guutuun dhufutti garuu inni gartokkeen ni bada.
1CO 13:11 Ani yeroon ijoollee turetti, akka ijoolleettin dubbadha ture; akka ijoolleettin yaada ture; akka ijoolleetti nan herrega ture; ani ergan nama guddaa taʼee garuu ijoollummaa dhiiseera.
1CO 13:12 Amma of-ilaalee keessaan bifa dimimmisaaʼaa arginaatii; yeroo sana garuu ifaan ifatti ni argina. Ani amma gartokkon beeka; yeroo sana garuu ani akkuma guutummaatti beekame sana guutummaatti beekuufin jira.
1CO 13:13 Egaa amantiin, abdii fi jaalalli sadan isaanii iyyuu ni jiraatu. Isaan keessaa garuu jaalalatu caala.
1CO 14:1 Karaa jaalalaa duukaa buʼaa; kennaawwan Hafuuraa, keessumattuu kennaa raajii cimsaatii barbaadaa.
1CO 14:2 Namni afaan haaraan dubbatu kam iyyuu Waaqatti malee namootatti hin dubbatuutii. Dhugumaan namni tokko iyyuu isa hin hubatu; inni Hafuuraan icciitii dubbata.
1CO 14:3 Namni raajii dubbatu garuu isaan ijaaruuf, gorsuu fi jajjabeessuuf jedhee namootatti dubbata.
1CO 14:4 Namni afaan haaraan dubbatu ofuma isaa cimsa; kan raajii dubbatu garuu waldaa kiristaanaa cimsa.
1CO 14:5 Ani akka hundi keessan afaan haaraan dubbattan nan barbaada; caalaatti garuu akka raajii dubbatan nan jaalladha. Namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waldaan kiristaanaa ittiin jajjabaattuuf jedhee waan dubbatu sana yoo hiikuu baate isa afaan haaraan dubbatu irra isa raajii dubbatutu caala.
1CO 14:6 Egaa yaa obboloota, ani yoon mulʼata yookaan beekumsa yookaan raajii yookaan barsiisa tokko tokko isinitti hime malee yoon afaan haaraa qofa dubbachaa gara keessan dhufe maal isin fayyada?
1CO 14:7 Kunis meeshaa lubbuu hin qabne kan akka ululleetii fi kiraaraa kanneen sagalee kennan biratti illee akkanuma; ululleen afuufamee yookaan kiraarri rukutamee yoo sagaleen isaa gargar baafame malee namni tokko akkamitti addaan baasee beekuu dandaʼa?
1CO 14:8 Yoo sagaleen malakataa addaan baafamee beekame malees eenyutu lolaaf qophaaʼa?
1CO 14:9 Isinis akkasuma. Yoo afaan keessaniin dubbii hubatamaa dubbattan malee namni tokko akkamitti waan isin jettan sana beekuu dandaʼa? Qilleensatti dubbachuu keessaniitii.
1CO 14:10 Akka afaan gosa garaa garaa addunyaa irra jiran hin shakkamu. Garuu isaan keessaa kan hiikkaa hin qabne tokko iyyuu hin jiru.
1CO 14:11 Kanaafuu ani yoon hiikkaa waan namni tokko dubbatuu hubachuu baadhe ani namicha dubbatu sanatti alagaa dha. Namichi dubbatu sunis anatti alagaa dha.
1CO 14:12 Isinis akkasuma. Isin waan jabeessitanii kennaawwan Hafuuraa qabaachuu barbaaddaniif, kennaawwan waldaa kiristaanaa cimsan jabeessaatii barbaadaa.
1CO 14:13 Kanaaf namni afaan haaraan dubbatu tokko akka waan dubbatu sana hiikuu dandaʼuuf kadhachuu qaba.
1CO 14:14 Yoo ani afaan haaraan kadhadhe hafuurri koo ni kadhataatii; qalbiin koo garuu hin hirmaatu.
1CO 14:15 Yoos ani maalan godha ree? Hafuura kootiin nan kadhadha; qalbii kootiinis nan kadhadha; hafuura kootiin nan faarfadha; qalbii kootiinis nan faarfadha.
1CO 14:16 Yoo kanaa achii utuu ati hafuura keetiin Waaqa galateeffachuutti jirtuu, namni iddoo warra hin baratinii taaʼe tokko waan ati dubbattu waan hin beekiniif akkamitti galata ati dhiʼeessitu sanaaf “Ameen” jechuu dandaʼaa?
1CO 14:17 Ati dhugumaan sirriitti galateeffata taʼa; namni kaan garuu ittiin hin jajjabeeffamu.
1CO 14:18 Ani waanan hunduma keessan caalaa afaan haaraan dubbadhuuf Waaqa nan galateeffadha.
1CO 14:19 Waldaa kiristaanaa keessatti garuu dubbii kuma kudhan afaan haaraan dubbachuu irra warra kaan barsiisuuf dubbii hubatamaa shan dubbachuu nan barbaada.
1CO 14:20 Yaa obboloota, akka ijoolleetti yaaduu dhiisaa; waan hamaaf daaʼimman taʼaa; hubannaadhaan garuu nama guddaa taʼaa.
1CO 14:21 Seera keessatti akkana jedhamee barreeffameera: “Ani afaan biraatiin, afaan alagootaatiinis saba kanatti nan dubbadha; isaan garuu yeroo sanatti illee na hin dhagaʼan, jedha Gooftaan.”
1CO 14:22 Kanaafuu afaan haaraan dubbachuun warra hin amaniniif mallattoo taʼa malee warra amananiif miti; raajii dubbachuun garuu warra amananiif malee warra hin amaniniif miti.
1CO 14:23 Egaa waldaan amantootaa guutuun walitti qabamee yoo hundi isaanii afaan haaraan dubbatan, yoo namoonni hin baratin yookaan namoonni hin amanne ol seenan isin maraattaniirtu isiniin hin jedhanii?
1CO 14:24 Utuu namni hundi raajii dubbachaa jiruu yoo namni hin amanne tokko yookaan namni hin baratin tokko ol seene inni akka cubbamaa taʼe nama hundaan ni amansiifama; nama hundaanis isatti murama;
1CO 14:25 icciitiin garaa isaa keessaas ifatti ni baafama. Innis, “Waaqni dhugumaan isin gidduu jira” jedhee dubbachaa addaan lafatti gombifamee Waaqa waaqeffata.
1CO 14:26 Yaa obboloota, egaa maal jenna ree? Yommuu isin walitti qabamtanitti namni hundi faarfannaa yookaan barsiisa yookaan mulʼata yookaan afaan haaraa yookaan hiikkaa afaan haaraa sanaa qaba. Wanni hundinuu waldaa kiristaanaa cimsuuf hojjetamuu qabu.
1CO 14:27 Namni afaan haaraan dubbatu yoo jiraate lama yookaan yoo baayʼate sadii taʼanii dabaree dabareen haa dubbatan; namni tokko immoo haa hiiku.
1CO 14:28 Yoo namni hiiku jiraachuu baate garuu namichi dubbatu sun waldaa kiristaanaa keessatti calʼisee ofii isaattii fi Waaqatti haa dubbatu.
1CO 14:29 Raajonnis lama yookaan sadii taʼanii haa dubbatan; warri kaan immoo waan dubbatamu sana haa madaalan.
1CO 14:30 Yoo warra achi taaʼan keessaa isa tokkoof mulʼanni dhufe, namichi duraan dubbachaa ture sun haa calʼisu.
1CO 14:31 Namni hundi akka baratuuf, hundinuus akka jajjabeeffamuuf dabaree dabareedhaan raajii dubbachuu ni dandeessuutii.
1CO 14:32 Hafuuronni raajotaa raajotaaf ni ajajamu.
1CO 14:33 Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taʼaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taʼin Waaqa nagaa ti.
1CO 14:34 Dubartoonni waldaa kiristaanaa keessatti haa calʼisan. Akka seerri jedhutti isaan akka ajajaman malee akka dubbatan hin eeyyamamneefiitii.
1CO 14:35 Wanti isaan beekuu barbaadan yoo jiraate manatti dhirsa isaanii haa gaafatan; dubartiin tokko waldaa kiristaanaa keessatti dubbachuun qaaniidhaatii.
1CO 14:36 Dubbiin Waaqaa isin keessaa argamee? Yookaan isinuma qofa bira gaʼee?
1CO 14:37 Eenyu iyyuu yoo raajii yookaan nama Hafuuraa of seʼe akka wanni ani amma isiniif barreessu kun ajaja Gooftaa taʼe haa beeku.
1CO 14:38 Namni kam iyyuu yoo waan kana beekuu baate, inni hin beekin.
1CO 14:39 Kanaaf yaa obboloota ko, raajii dubbachuu jabeessaatii hawwaa; afaan haaraan dubbachuus hin dhowwinaa.
1CO 14:40 Wanti hundinuu garuu karaa qajeelaa fi sirna qabeessa taʼeen hojjetamuu qaba.
1CO 15:1 Ammas yaa obboloota, ani waaʼee wangeela ani isinitti lallabe, kan isin fudhattanii ittiin dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada.
1CO 15:2 Isin yoo dubbii ani isinitti lallabe sana jabeessitanii qabattan wangeeluma kanaan ni fayyitu. Yoo kanaa achii akkasumaan amantan jechuu dha.
1CO 15:3 Anis waanan fudhadhe duraan dursee dabarseen isinitti kenneeraatii; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf jedhee duʼe;
1CO 15:4 ni awwaalames; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti guyyaa sadaffaatti duʼaa kaafame.
1CO 15:5 Inni duraan dursee Keefaatti, ergasiis warra Kudha Lamaanitti mulʼate.
1CO 15:6 Sana booddee yeroo tokkotti obboloota dhibba shanii ol taʼanitti mulʼate; isaan keessaas yoo muraasni boqotan iyyuu hedduun isaanii hamma ammaatti ni jiru.
1CO 15:7 Ergasiis Yaaqoobitti, itti aansee ergamoota hundatti mulʼate;
1CO 15:8 dhuma irratti immoo ana kan akka gatataatti dhalateetti lakkaaʼamutti mulʼate.
1CO 15:9 Ani ergamoota hundaa gadi; ergamaa jedhamee waamamuun iyyuu naaf hin malu; ani waldaa kiristaanaa Waaqaa ariʼachaan tureetii.
1CO 15:10 Garuu ani ayyaana Waaqaatiin akkuman jiru kana jira; ayyaanni isaa kan naa kennames akkasumaan hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa jabaadhee hojjedheera; kanas utuu ana hin taʼin ayyaana Waaqaa kan na wajjin jirutu hojjete.
1CO 15:11 Egaa anas taʼu yookaan isaan, wanni nu lallabnu, wanni isin amantanis kanuma.
1CO 15:12 Kiristoos warra duʼan keessaa akka kaafame erga lallabamee, isin keessaa namoonni tokko tokko akkamitti duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru jechuu dandaʼu ree?
1CO 15:13 Erga duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jirre, Kiristoos iyyuu duʼaa hin kaafamne jechuudha kaa!
1CO 15:14 Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin immoo lallabni keenya faayidaa hin qabu; amantiin keessanis faayidaa hin qabu.
1CO 15:15 Kana malees Waaqni Kiristoosin duʼaa kaaseera jennee waaʼee Waaqaa waan dhugaa baaneef, nu waaʼee Waaqaa dhuga baatota sobaa taanee argamneerra. Garuu erga warri duʼan hin kaafamin inni Kiristoosin hin kaafne jechuu dha.
1CO 15:16 Yoo warri duʼan kaafamuu baatan, Kiristoosis duʼaa hin kaafamneetii.
1CO 15:17 Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin amantiin keessan faayidaa hin qabu; isinis ammuma iyyuu cubbuu keessa jirtu.
1CO 15:18 Yoos warri utuu Kiristoositti jiranuu boqotan baduu isaanii ti.
1CO 15:19 Yoo jireenya ammaa qofaaf Kiristoosin abdanne nu warra namni hundi naʼuuf taʼuu keenya.
1CO 15:20 Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera.
1CO 15:21 Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii.
1CO 15:22 Akkuma hundinuu Addaamiin duʼan, hundinuu Kiristoosiin jiraatoo ni taasifamuutii.
1CO 15:23 Kun hundinuus yeroo dabaree isaatti ni taʼa; Kiristoos hangafticha, ergasii immoo yeroo inni deebiʼee dhufutti warra kan Kiristoos taʼan.
1CO 15:24 Innis erga bulchiinsa hunda, taayitaa fi humna hunda balleessee booddee, yeroo Waaqa Abbaatti mootummaa dabarsee kennutti dhumni ni taʼa.
1CO 15:25 Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii.
1CO 15:26 Diinni dhumaa kan barbadeeffamuu qabu duʼa.
1CO 15:27 Inni, “Waan hunda miilla isaa jala galcheeraatii.” Garuu “Wanni hundi” isa jala galfameera jechuun akka isa waan hunda isa jala galche sana hin dabalatin beekamaa dha.
1CO 15:28 Erga waan kana godhee booddee akka Waaqni waan hundumaan hundumaa taʼuuf Ilmi mataan isaa iyyuu isa waan hundumaa miilla isaa jala galche sanaaf ni bula.
1CO 15:29 Yoo duʼaa kaʼuun jiraachuu baate namoonni warra duʼaniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti? Warri duʼanis yoo duʼaa hin kaafamin namoonni maaliif qooda isaanii cuuphamu ree?
1CO 15:30 Nu maaliif saʼaatii hunda balaaf of saaxilla?
1CO 15:31 Yaa obboloota, ani guyyuma guyyaan akkan duʼu of jajuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin isin irratti qabuun nan kakadha.
1CO 15:32 Ani akka namaatti Efesoonitti bineensa wajjin wal loluun koo, erga warri duʼan hin kaafamnee, maal na fayyada? “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii.”
1CO 15:33 Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.”
1CO 15:34 Gara qalbii keessan isa qajeelaatti deebiʼaa; cubbuu hojjechuus dhiisaa; namoonni Waaqa hin beekne tokko tokko isin gidduu jiruutii. Anis isin qaanessuufin waan kana dubbadha.
1CO 15:35 Garuu namni tokko, “Warri duʼan akkamitti kaafamu? Dhagna akkamiitiin dhufu?” jedhee ni gaafata taʼa.
1CO 15:36 Yaa gowwaa! Wanni ati facaaftu yoo duʼe malee jireenya hin argatu.
1CO 15:37 Wanni ati facaaftu sanyiidhuma, jechuunis sanyii qamadii yookaan sanyii midhaan biraati malee dhagna midhaan biqilee guddachuuf jiru sanaa miti.
1CO 15:38 Waaqni garuu akkuma fedhetti dhagna isaaf kenna; tokkoo tokkoo gosa sanyiitiifis dhagna mataa isaa kenna.
1CO 15:39 Foon hundinuu tokko miti; namni foon gosa tokkoo qaba; horiin foon gosa biraa, simbirroon foon gosa biraa, qurxummiinis foon gosa biraa qabu.
1CO 15:40 Akkasuma immoo dhagnawwan samii irraa ni jiru; dhagnawwan lafa irraas ni jiru; garuu ulfinni dhagnawwan samii irraa gosa tokko; ulfinni dhagnawwan lafa irraa immoo gosa biraa ti.
1CO 15:41 Aduun ulfina gosa tokkoo qabdi; jiʼis ulfina gosa biraa, urjiiwwanis ulfina gosa biraa qabu; urjiin tokko ulfinaan urjii biraatiin addaatii.
1CO 15:42 Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkasuma. Dhagni facaafamu kan baduu dha; kan hin badne taʼee immoo kaafama.
1CO 15:43 Inni salphinaan facaafama; ulfinaan kaafama; dadhabbiin facaafama; humnaan kaafama;
1CO 15:44 dhagna fooniitu facaafama; dhagna hafuuraatu kaafama. Erga dhagni foonii jiraate, dhagni hafuuraas ni jira.
1CO 15:45 Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe.
1CO 15:46 Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe.
1CO 15:47 Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo samii irraa dhufe.
1CO 15:48 Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan samii taʼan immoo akkuma namicha samii irraa dhufe sanaa ti.
1CO 15:49 Nu akkuma bifa namicha lafaa sanaa uffanne, akkasuma immoo bifa namicha samii sanaa ni uffanna.
1CO 15:50 Yaa obboloota, akka foonii fi dhiigni mootummaa Waaqaa dhaaluu hin dandeenye yookaan akka inni badu isa hin badne dhaaluu hin dandeenye ani isinitti nan hima.
1CO 15:51 Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna;
1CO 15:52 kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna.
1CO 15:53 Inni badu kun isa hin badne, inni duʼu kun immoo isa hin duune uffachuu qabaatii.
1CO 15:54 Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; “Duuti moʼichaan liqimfameera.” Akkasumas,
1CO 15:55 “Yaa duʼa, moʼichi kee meerre? Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?”
1CO 15:56 Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera.
1CO 15:57 Waaqa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
1CO 15:58 Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.
1CO 16:1 Egaa waaʼee buusii qulqullootaaf walitti qabamuu, isinis akkuma ani waldoota kiristaanaa kanneen Galaatiyaa ajaje sanatti raawwadhaa.
1CO 16:2 Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa.
1CO 16:3 Anis yeroon isin bira dhufutti akka namoonni isin filattan kennaa keessan geessaniif xalayaa ittiin beekaman kenneefii Yerusaalemitti isaan nan erga.
1CO 16:4 Yoo dhaquun koo barbaachisaa taʼe immoo isaan na wajjin dhaqu.
1CO 16:5 Ani waanan Maqedooniyaa keessa darbuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbutti isin bira nan dhufa.
1CO 16:6 Akka isin iddoo ani dhaqu hundatti karaa koo irratti na gargaaruu dandeessaniif tarii yeroo xinnoo isin bira nan tura taʼa; yookaan ganna isin bira nan tura taʼa.
1CO 16:7 Yoo Gooftaan jedhe ani waanan yeroo muraasa isin bira turuu abdadhuuf, amma utuun darbuu goree isin arguu hin barbaadu.
1CO 16:8 Hamma guyyaa Pheenxeqoosxeetti garuu Efesoon keessa nan tura.
1CO 16:9 Balballi guddaanii fi buʼaa qabeessi tokko naa banameeraatii; mormitoonnis baayʼee dha.
1CO 16:10 Yoo Xiimotewos gara keessan dhufe waan innis akkuma koo hojii Gooftaa hojjetuuf yeroo inni isin bira turutti akka inni waa tokko iyyuu hin sodaanne godhaa.
1CO 16:11 Kanaaf namni tokko iyyuu isa hin tuffatin; akka inni gara kootti deebiʼuufis nagaadhaan ergaa; ani obboloota wajjin isa eegaan jiraatii.
1CO 16:12 Waaʼee obboleessa keenya Apholoos immoo akka inni obboloota kaan wajjin gara keessan dhufuuf ani jabeessee isa kadhadheen ture. Inni garuu amma dhufuuf gonkumaa fedhii hin qabu; yeroo isaaf mijaaʼutti garuu ni dhufa.
1CO 16:13 Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.
1CO 16:14 Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.
1CO 16:15 Yaa obboloota, akka warri mana Isxiifaanaas jiraatan Akaayaa keessaa warra jalqabatti amanan taʼan isin ni beektu; isaanis qulqulloota tajaajiluuf of kennaniiru.
1CO 16:16 Anis akka isin namoota akkasiitiif, warra isaan wajjin hojjetanii fi dadhaban hundaaf ajajamtan isinin kadhadha.
1CO 16:17 Isxiifaanaas, Fartunaaxoosii fi Akaayiqos na bira dhufuu isaaniitti ani gammadeera; isaan waan asii dhabamuu keessaniin hirʼate guutaniiruutii.
1CO 16:18 Isaan hafuura koo fi hafuura keessan boqochiisaniiruutii. Kanaaf isin namoota akkanaatiif beekamtii kennaa.
1CO 16:19 Waldoonni kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa nagaa isiniif dhaamu. Aqiilaa fi Phirisqillaan, waldaan kiristaanaa kan mana isaanii jirtus Gooftaadhaan nagaa guddaa isiniif dhaamu.
1CO 16:20 Obboloonni hundinuu nagaa isinii dhaamu. Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
1CO 16:21 Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa.
1CO 16:22 Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu haa abaaramu. Yaa Gooftaa kottu.
1CO 16:23 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.
1CO 16:24 Jaalalli koo Kiristoos Yesuusiin hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
2CO 1:1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,
2CO 1:2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
2CO 1:3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu;
2CO 1:4 inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.
2CO 1:5 Akkuma nu dhiphina Kiristoos keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Kiristoosiin jajjabinni nuu baayʼata.
2CO 1:6 Nu yoo dhiphanne jajjabinaa fi fayyina keessaniif taʼa; nu yoo jajjabaanne jajjabina keessaniif taʼa; jajjabinni kunis kan isin yeroo dhiphina nu dhiphannu kana keessa dabartanitti obsaan dhaabachuudhaan argattanii dha.
2CO 1:7 Abdiin nu waaʼee keessaniif qabnu cimaa dha; isin akkuma dhiphina keenya keessatti hirmaattan amma immoo jajjabina keenya keessatti akka hirmaattan beeknaatii.
2CO 1:8 Yaa obboloota, isin waaʼee dhiphina biyya Asiyaatti nurra gaʼee akka wallaaltan hin barbaannu. Hamma lubbuudhaan jiraachuuf illee abdii kutannutti dhiphinni baachuudhaaf humna keenyaa ol taʼe nurra gaʼee tureetii.
2CO 1:9 Dhugumaanuu murtiin duʼaa nutti dhagaʼamee turre. Kun garuu akka nu Waaqa warra duʼan kaasutti malee ofii keenyatti hin amananneef taʼe.
2CO 1:10 Inni balaa duʼa akkasii jalaa nu baaseera; nu baasas. Inni ittuma fufee akka nu baasu abdii keenya isa irra kaaʼanneerra.
2CO 1:11 Akkuma isin kadhannaa keessaniin nu gargaartan, ayyaana kadhannaa namoota baayʼeetiif deebii taʼee nuu kenname sanaaf namoonni baayʼeen nuuf galateeffatu.
2CO 1:12 Egaa wanti nu ittiin of jajnu kanaa dha: Akka nu qulqullummaa fi amanamummaa Waaqa biraa argameen fooniin keessumattuu hariiroo isin wajjin qabnuun jiraachaa turre yaadni garaa keenyaa dhugaa nuuf baʼa. Kanas akka ayyaana Waaqaatti goone malee akka ogummaa addunyaatti miti.
2CO 1:13 Nu waan isin dubbisuu yookaan hubachuu hin dandeenye tokko illee isinii hin barreessinuutii. Ani akka isin hamma dhumaatti hubattan nan abdadha;
2CO 1:14 innis akkuma isin gara tokko nu hubattan kana, akka guyyaa Gooftaa Yesuusitti akkuma nu isiniin of jajnu sana isinis nuun of jajuu dandeessan guutummaatti hubattanii dha.
2CO 1:15 Anis sababiin waan kana amaneef akka isin ayyaana lammaffaa qabaattaniif jedhee jalqabatti gara keessan dhufuu barbaade.
2CO 1:16 Ani yeroon Maqedooniyaa dhaqutti isin ilaaluu fi yeroon Maqedooniyaadhaa deebiʼuttis gara keessan dhufee, akka isin yeroo ani Yihuudaa dhaqutti na ergitan barbaade.
2CO 1:17 Ani yeroon waan kana karoorfadhetti akka salphaattin hojjedhee? Yookaan akka yaada fooniitti yeruma tokkotti, “Eeyyee, eeyyee” fi “Waawuu, waawuu” jechuufan karoora baafadhaa ree?
2CO 1:18 Akkuma Waaqni amanamaa taʼe dubbiin nu isinitti dubbannus “Eeyyee” fi “Waawuu” miti.
2CO 1:19 Yesuus Kiristoos Ilmi Waaqaa inni nu jechuunis ani, Silwaanosii fi Xiimotewos isin gidduutti lallabne sun, “Eeyyee” fi “Waawuu” hin turreetii; isa keessa “Eeyyeetu” jira.
2CO 1:20 Waadaawwan Waaqaa hundinuu Kiristoosiin “Eeyyeedhaatii”. Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Waaqaatiif “Ameen” jenna.
2CO 1:21 Egaa kan akka nu isin wajjin Kiristoositti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Waaqa;
2CO 1:22 innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.
2CO 1:23 Ani garuu isin qusachuudhaaf jecha Qorontositti hin deebine; anis akka inni dhugaa natti baʼuuf Waaqa ofitti nan waama.
2CO 1:24 Nu gammachuu keessaniif isin wajjin hojjenna malee amantii keessan irratti gooftummaa hin qabnu; isin amantiin jabaattanii dhaabattaniitii.
2CO 2:1 Ani akkan lammata gaddaan gara keessan hin dhufne murteeffadheera.
2CO 2:2 Yoo ani isin gaddisiise, isinuma warra ani gaddisiisu sana malee eenyutu na gammachiisa ree?
2CO 2:3 Akkasitti barreessuun koo akka yommuu ani dhufutti namoonni na gammachiisuu qaban na hin gaddisiisneefi. Akka gammachuun koo gammachuu hunda keessanii taʼe ani hunda keessan nan amana ture.
2CO 2:4 Ani dhiphina guddaa, yaaddoo garaatii fi imimmaan baayʼeedhaan isinii barreesseetii; kunis jaalalli ani isiniif qabu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniif malee isin gaddisiisuuf miti.
2CO 2:5 Eenyu iyyuu yoo nama gaddisiise utuu dubbii hoʼisuuf hin taʼin inni karaa tokko hunduma keessan gaddisiisuu isaati malee na gaddisiisuu isaa miti.
2CO 2:6 Nama akkanaa irratti adabbiin harki caalaan keessan adabdan ni gaʼa.
2CO 2:7 Qooda kanaa akka inni gadda guddaan hin liqimfamneef dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuutu isin irra jira.
2CO 2:8 Kanaafuu ani akka isin jaalala isaaf qabdan cimsitan isinan kadhadha.
2CO 2:9 Anis akka isin waan hunda irratti ajajamtoota taatan mirkaneeffachuufin waan kana isinii barreesse.
2CO 2:10 Nama isin dhiifama gootaniif, anis dhiifama nan godha. Yoo wanti ani dhiifama godhe tokko iyyuu jiraates ani isiniif jedhee fuula Kiristoos duratti dhiifama godheera;
2CO 2:11 kunis akka Seexanni nu hin gowwoomsineefi. Nu mala isaa hin wallaalluutii.
2CO 2:12 Yeroo ani wangeela Kiristoos lallabuuf Xirooʼaas dhaqee Gooftaan balbala naa banetti,
2CO 2:13 waan ani obboleessa koo Tiitoo hin argatiniif, hafuurri koo boqonnaa hin arganne. Kanaafuu ani nagaatti isaaniin jedhee Maqedooniyaatti darbe.
2CO 2:14 Waaqa yeroo hunda akka nu Kiristoosiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu.
2CO 2:15 Nu warra fayyifamaa jiranii fi warra baduutti jiran gidduutti Waaqaaf urgaa Kiristoos.
2CO 2:16 Nu isa tokkoof urgaa duʼaa ti; isa kaaniif immoo urgaa jireenyaa ti. Egaa eenyutu waan kanaaf gaʼaa taʼa?
2CO 2:17 Nu garuu akka namoota Waaqa biraa ergamaniitti Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti garaa qulqulluudhaan dubbanna malee akka namoota hedduu kanneen buʼaa argachuuf jedhanii dubbii Waaqaa gurguratan sanaa miti.
2CO 3:1 Nu ammas of galateeffachuu jalqabnaa ree? Yookaan akka namoota tokko tokkoo xalayaa deeggarsaa gara keessanitti fiduu yookaan isin biraa argachuu nu barbaachisaa ree?
2CO 3:2 Xalayaan keenya kan namni hundinuu beekuu fi dubbisu kan garaa keenya keessatti barreeffame isinuma.
2CO 3:3 Isin akka xalayaa Kiristoos, buʼaa tajaajila keenyaa taatan ifa; xalayaan kunis qalamiidhaan utuu hin taʼin Hafuura Waaqa jiraataatiin, gabatee dhagaa irratti utuu hin taʼin gabatee garaa namaa irratti kan barreeffamee dha.
2CO 3:4 Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti.
2CO 3:5 Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa.
2CO 3:6 Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.
2CO 3:7 Erga tajaajilli duʼa fide kan qubeedhaan dhagaa irratti qirixame sun hamma Israaʼeloonni sababii ulfina isaa kan irraa badaa deemu sanaatiif xiyyeeffatanii fuula Musee ilaaluu hin dandeenyetti ulfinaan dhufee,
2CO 3:8 tajaajilli Hafuuraa immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatuu ree?
2CO 3:9 Erga tajaajilli murtii namatti fidu ulfina qabaatee, tajaajilli qajeelummaa fidu immoo hammam caalaa ulfina haa qabaatu ree!
2CO 3:10 Wanni ulfina qabeessa ture sun yommuu ulfina caalu biratti ilaalamu amma ulfina hin qabuutii.
2CO 3:11 Erga wanni yeroodhaaf jiraatu sun ulfinaan dhufee, ulfinni isa bara baraan jiraatuu immoo hammam caalaa guddaa haa taʼu ree!
2CO 3:12 Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna.
2CO 3:13 Nu warra akka Musee isa akka sabni Israaʼel dhuma waan badaa deemu sanaa hin argineef jedhee haguuggiidhaan fuula isaa haguuggatee miti.
2CO 3:14 Yaadni isaanii garuu hadoodeera; isaan hamma harʼaatti iyyuu yommuu kakuu moofaa dubbisanitti haguuggiin sun isaan irraa hin fuudhamne. Inni Kiristoos qofaan irraa fuudhamaatii.
2CO 3:15 Hamma harʼaatti illee yeroo isaan seera Musee dubbisanitti haguuggiin yaada garaa isaanii ni haguuga.
2CO 3:16 Yeroo namni kam iyyuu gara Gooftaatti deebiʼutti garuu haguuggiin sun irraa fuudhama.
2CO 3:17 Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
2CO 3:18 Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.
2CO 4:1 Kanaafuu nu araara Waaqaatiin tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu.
2CO 4:2 Nu waan dhoksaa taʼee fi waan nama qaanessu dhiifneerra; namas hin gowwoomsinu; dubbii Waaqaas hin micciirru. Garuu dhugaa ifatti baafnee dubbachuudhaan fuula Waaqaa duratti qalbii nama hundumaatti of dhiʼeessina.
2CO 4:3 Wangeelli keenya yoo haguugame illee warra baduutti jiran jalaa haguugama;
2CO 4:4 Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.
2CO 4:5 Nu akka Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼe lallabna malee of hin lallabnu; nu mataan keenya Yesuusiif jennee tajaajiltoota keessan.
2CO 4:6 Waaqni, “Dukkana keessaa ifni haa ifu” jedhe sun akka fuula Kiristoos irraa ifa beekumsa ulfina Waaqaa nuu kennuuf ifa isaa garaa keenya keessatti ibseeraatii.
2CO 4:7 Garuu akka humni waan hunda caalu kun Waaqa irraa malee nu biraa hin dhufin argisiisuuf nu badhaadhummaa kana qodaa suphee keessaa qabna.
2CO 4:8 Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu;
2CO 4:9 ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu.
2CO 4:10 Akka jireenyi Yesuus dhagna keenyaan mulʼifamuuf nu yeroo hunda duʼa Yesuus dhagna keenyatti baannee deemna.
2CO 4:11 Nu warri lubbuun jirru akka jireenyi isaa foon keenya kan duʼu keessaan mulʼifamuuf yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼatti dabarfamnee kennamnaatii.
2CO 4:12 Egaa duuti nu keessatti hojjeta; jireenyi immoo isin keessatti hojjeta.
2CO 4:13 “Ani amaneera; kanaafis dubbadheera” jedhamee barreeffameera. Nu immoo sababii hafuura amantii sanaan ni amanna; kanaafis ni dubbanna;
2CO 4:14 inni Gooftaa Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun nuus Yesuus wajjin kaasee isin wajjinis fuula isaa duratti akka nu dhiʼeessu ni beekna.
2CO 4:15 Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Waaqaatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.
2CO 4:16 Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.
2CO 4:17 Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.
2CO 4:18 Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.
2CO 5:1 Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna.
2CO 5:2 Hammasitti mana keenya kan samii irraa sana uffachuu hawwuudhaan ni aadna;
2CO 5:3 nu yommuu isa ufannutti qullaa hin argamnuutii.
2CO 5:4 Nu utuma dunkaana kana keessa jirruu ni aadna; baʼaanis nutti ulfaateera; nu garuu wanni duʼa hin oolle jireenyaan akka liqimfamuuf mana keenya kan samii irraa uffachuu malee akka uffanni nurraa baafamu hin barbaannuutii.
2CO 5:5 Kan kaayyoo kanaaf nu qopheesses Waaqa isa Hafuura Qulqulluu wabii waan dhufuuf jiruu godhee akka qabdiitti nuu kenne sanaa dha.
2CO 5:6 Kanaaf nu yeroo hunda ija jabina qabna; hamma dhagna fooniitiin jirrutti Gooftaa irraa fagoo akka jirru beekna.
2CO 5:7 Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.
2CO 5:8 Nu ija jabina qabna; dhagna foonii kana irraa addaan baanee Gooftaa wajjin jiraachuu filanna.
2CO 5:9 Kanaaf nu dhagna fooniitiin jiraannus, dhagna foonii irraa fagaannus kaayyoon keenya Isa gammachiisuu dha.
2CO 5:10 Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii.
2CO 5:11 Nu Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf namoota amansiisuuf yaalii goona. Eenyummaan keenya Waaqa biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitiifis beekamaa akka taʼe nan abdadha.
2CO 5:12 Nu akka isin nuun boontaniif carraa isinii kennuuf malee amma illee isin biratti of galateeffachuuf miti; kunis isin warra waan garaa keessa jiru caalaa waan ijatti mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif.
2CO 5:13 Nu yoo akka namoonni tokko tokko jedhan sana “qalbii dabarsine,” Waaqaaf jennee ti; yoo qalbii qabeeyyii taane immoo isiniif jennee ti.
2CO 5:14 Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra.
2CO 5:15 Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.
2CO 5:16 Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Kiristoosin ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu.
2CO 5:17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
2CO 5:18 Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe;
2CO 5:19 kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera.
2CO 5:20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna.
2CO 5:21 Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.
2CO 6:1 Egaa nu warri Waaqa wajjin hojjennu, akka isin ayyaana Waaqaa akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne isin kadhanna.
2CO 6:2 Inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera” jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma.
2CO 6:3 Nu akka tajaajilli keenya hin tuffatamneef, karaa nama kamii irra iyyuu gufuu hin keenyu.
2CO 6:4 Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon,
2CO 6:5 garafamuun, mana hidhaatti galfamuun, jeequmsaan, hojii dadhabsiisaa hojjechuun, hirriba dhabuun, beelaʼuun,
2CO 6:6 qulqullaaʼummaan, hubannaan, obsaa fi gara laafinaan, Hafuura Qulqulluu fi jaalala of tuulummaa hin qabneen,
2CO 6:7 dubbii dhugaatii fi humna Waaqaatiin, miʼa waraanaa kan qajeelinaa harka mirgaatii fi harka bitaatti qabachuun,
2CO 6:8 ulfinaa fi salphinaan, maqaa baduu fi maqaa toluun jiraanneerra; akkasumas utuu dhugaa qabeeyyii taanee jirruu, sobduu jedhamneerra;
2CO 6:9 beekamtoota turre; garuu akka warra hin beekaminiitti hedamne; nu duʼaa jirra; garuu kunoo ni jiraanna; ni tumamna; garuu hin ajjeefamnu;
2CO 6:10 ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna.
2CO 6:11 Yaa warra Qorontos, nu afaan guunnee isinitti dubbanneerra; garaan keenyas isiniif banamaa dha.
2CO 6:12 Isinitu garaa nu dhokfate malee nu garaa isin hin dhokfanne.
2CO 6:13 Ani akka waan isin ijoollee koo taataniittin isinitti dubbadha; isinis akkasuma garaa keessan balʼisaa nuu banaa.
2CO 6:14 Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba?
2CO 6:15 Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba?
2CO 6:16 Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; “Ani isaan wajjin nan jiraadha; isaan gidduus nan deddeebiʼa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
2CO 6:17 Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa; isaan irraas gargar foʼamaa; jedha Gooftaan. Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, anis isinan simadha.”
2CO 6:18 Amma illee, “Ani Abbaa isiniif nan taʼa; isinis ilmaanii fi intallan koo ni taatu; jedha Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu.”
2CO 7:1 Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.
2CO 7:2 Isin garaa nuu balʼadhaa. Nu nama tokko illee hin yakkine; nama tokko illee amala hin balleessine; nama tokko illee gowwoomsinee waa irraa hin fudhanne.
2CO 7:3 Kana jechuun koos isinitti muruuf miti; nu isin wajjin duʼuu fi jiraachuuf akka isin garaa keenya keessa jirtan ani duraan dursee himeeraatii.
2CO 7:4 Ani guddiseen isin amanadha; guddisees isiniin nan boona. Ani baayʼee jajjabeeffameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuun koo hamma hin qabu.
2CO 7:5 Yeroo Maqedooniyaa dhufnettis nu qixa hundaan dhiphachaa turre malee foon keenya kun boqonnaa hin arganne; alaan lola, keessaan immoo sodaatu nurra ture.
2CO 7:6 Waaqni warra gaddan jajjabeessu garuu dhufaatii Tiitootiin nu jajjabeesse;
2CO 7:7 kun immoo isin isa jajjabeessuu keessaniinis malee dhufaatii isaa qofaan miti. Innis na yaaduu keessan, gadduu keessan, hinaaffaa isin naaf qabdan nutti himeera; kanaafuu ani hamma duraa caalaa gammadeera.
2CO 7:8 Ani yoon xalayaa kootiin isin gaddisiise illee waan kana gochuu kootiif hin gaabbu. Ani yoon gaabbe illee akka xalayaan sun isin gaddisiise nan hubadha; taʼus isin gaddisiisuun isaa yeruma gabaabaaf;
2CO 7:9 amma garuu sababii isin gadditaniif utuu hin taʼin sababii gaddi keessan gara qalbii jijjiirrachuutti isin geesseef ani nan gammada. Isin akka fedhii Waaqaatti gadditaniitii; kanaafuu isin karaa kamiin iyyuu nuun hin miidhamne.
2CO 7:10 Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼu qalbii jijjiirrannaa gara fayyinaatti nama geessu fida malee gaabbii hin fidu; gaddi akka fedhii addunyaatti taʼu garuu duʼa fida.
2CO 7:11 Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼe kun tattaaffii akkamii, dandeettii falmachuu akkamii, dheekkamsa akkamii, sodaa akkamii, namaa yaaduu akkamii, hinaaffaa qajeelaa akkamii, murtii qajeelaa akkamii isin keessatti akka uume mee ilaalaa! Isin waan kana irratti karaa hundaan akka qulqulloota taatan mirkaneeffattaniirtu.
2CO 7:12 Kanaafuu ani isinii barreessu iyyuu, isin fuula Waaqaa duratti hammam akka nuuf of kennitan akka ofuma keessaniin argitaniif malee sababii namicha nama miidheetiif yookaan sababii namicha miidhameetiif miti.
2CO 7:13 Nuus kana hundaanuu ni jajjabaanna. Jajjabina keenyatti dabalees keessumattuu Tiitoon gammaduu isaa arginee gammanneerra; hafuurri isaa isin hundaan haaromfameeraatii.
2CO 7:14 Ani isiniin isatti booneen ture; isinis na hin qaanessine. Garuu akkuma wanni nu isinitti himne sun hundi dhugaa taʼe, waaʼee keessan Tiitootti boonuun keenyas akkasuma dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera.
2CO 7:15 Innis ajajamuu hunda keessanii akkasumas sodaa fi hollannaa isin ittiin isa simattan sana yeroo yaadatutti jaalalli inni isiniif qabu isa durii caalaa dabalama.
2CO 7:16 Ani abdii guutuu isin irraa qaba; kanaafuu nan gammada.
2CO 8:1 Yaa obboloota, waaʼee ayyaana Waaqni waldoota kiristaanaa Maqedooniyaatiif kennee isin akka beektan ni barbaanna.
2CO 8:2 Isaanis utuu dhiphina baayʼeen qoramuutti jiranuu, baayʼinni gammachuu isaaniitii fi akka malee deeguun isaanii arjummaa isaanii baayʼiseera.
2CO 8:3 Ani akka isaan hamma dandeettii isaanii, dandeettii isaaniitii olis fedhii isaaniitiin kennan dhugaa nan baʼaatii. Isaan guutumaan guutuutti ofuma isaaniitiin
2CO 8:4 carraa qulqulloota tajaajiluu kana keessatti akka hirmaatan cimsanii nu kadhatan.
2CO 8:5 Isaan garuu duraan dursanii Gooftaaf, ergasii immoo fedhii Waaqaatiin nuuf of kennan malee akka nu eegne hin goone.
2CO 8:6 Kanaafuu Tiitoon akkuma duraan jalqabe sana hojii arjummaa kana gama keessaniin akka fiixaan baasuuf isa kadhanne.
2CO 8:7 Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, tattaaffii guutuu fi jaalala nuuf qabdaniin caaltan sana, kennaa arjummaa kaaniinis akka caaltan mirkaneessaa.
2CO 8:8 Ani tattaaffii namoota kaaniitiin wal bira qabee jaalalli keessan dhugaa taʼuu isaa qoruu barbaadeeti malee isin ajajaa hin jiru.
2CO 8:9 Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.
2CO 8:10 Waan kana irratti gorsi ani waaʼee waan hunda caalaa isiniif wayyuu irratti kennu kanaa dha. Isin waggaa darbe kennuu qofaan utuu hin taʼin fedhii kennuuf qabdaniinis kanneen jalqabaa turtan.
2CO 8:11 Ammas fedhiin cimaan isin hojii sanaaf qabdan isa fiixa baasuu keessaniin akka mirkanaaʼuuf waanuma qabdaniin hojii sana fiixaan baasaa.
2CO 8:12 Erga fedhiin jiraate kennaan sun akkuma waan namni qabuutti fudhatama malee akka waan namni hin qabneetti miti.
2CO 8:13 Fedhiin keenya akka isin rakkattanii warra kaanitti immoo toluuf utuu hin taʼin akka wal qixxummaan jiraatuuf.
2CO 8:14 Akka wanti isaan irraa hafu hirʼina keessan guutuuf, yeroo ammaa wanti isin irraa hafu hirʼina isaanii ni guuta. Yoos wal qixxummaan ni jiraata;
2CO 8:15 kunis akkuma, “Isa baayʼee walitti qabateef baayʼeen hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis wanni tokko iyyuu hin hirʼanne” jedhamee barreeffamee dha.
2CO 8:16 Waaqa yaaduma ani isiniif qabu garaa Tiitoo keessa kaaʼe sana nan galateeffadha.
2CO 8:17 Tiitoon gorsa keenya fudhachuu qofaan utuu hin taʼin fedhii guddaan ofuma isaatiin kaʼee gara keessan dhufaa jiraatii.
2CO 8:18 Nus obboleessa tajaajila wangeelaatiin waldoota kiristaanaa hundaan jajame sana isa wajjin ni ergina.
2CO 8:19 Kana malees inni hojii nu ulfina Gooftaatii fi fedhii gaarii qabnu mulʼisuuf hojjennu keessatti akka nu wajjin deemuuf waldoota kiristaanaatiin filatameera.
2CO 8:20 Nu kennaa arjummaa kana hojii irra oolchuu keessatti akka namni kam iyyuu maqaa nu hin balleessine of eegganna.
2CO 8:21 Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna.
2CO 8:22 Kana malees obboleessa keenya isa nu yeroo baayʼee waan hedduun qorree nama hisataa taʼuu isaa mirkaneeffanne sana isaan wajjin ergineerra; innis waan amantii guddaa isin irraa qabuuf kan duraa caalaa ni yaada.
2CO 8:23 Waaʼee Tiitoo irratti, inni garee koo kan na wajjin isin gidduu hojjetuu dha; waaʼee obboloota keenyaa immoo isaan bakka buʼoota waldoota kiristaanaatii fi ulfina Kiristoos.
2CO 8:24 Kanaafuu akka waldoonni kiristaanaa arguu dandaʼaniif dhugaa jaalala keessaniitii fi sababii nu isiniin of jajnuuf namoota kanneenitti argisiisaa.
2CO 9:1 Waaʼee tajaajila qulqullootaaf kennamu kanaa isinii barreessuu na hin barbaachisu.
2CO 9:2 Ani akka isin gargaaruuf hinaaftan nan beekaatii; anis, “Warri Akaayaa bara darbee jalqabanii gargaarsa kennuuf qophaaʼaniiru” jedhee namoota Maqedooniyaa biratti of jajeen ture; fedhiin keessanis isaan keessaa namoota baayʼee hojiif kakaaseera.
2CO 9:3 Egaa ani akkuman “Isaan qophaaʼaniiru” jedhee dubbadhe sanatti, akka isin qophooftanii argamtaniif malee waaʼee kanaatiif isiniin of jajuun keenya waan akkasumaan dubbatame akka hin taane ani obboloota ergeera.
2CO 9:4 Yoo namoonni Maqedooniyaa kam iyyuu na wajjin dhufanii akka isin hin qophaaʼin argan, nu warri akkas isin amananne iyyuu waaʼee keessan waan jennu dhabnee ni qaanofna.
2CO 9:5 Kanaafuu akka obboloonni kunneen duraan dursanii gara keessan dhufanii kennaa arjummaa kan isin waadaa galtan sana qopheessaniif isaan gorsuun barbaachisaa natti fakkaate. Yoos kennaan sun akka dirqamaatti utuu hin taʼin akka kennaa arjummaatti qopheeffama.
2CO 9:6 Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata.
2CO 9:7 Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Waaqni nama gammachuun kennu jaallataatii.
2CO 9:8 Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.
2CO 9:9 Kunis akkuma, “Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata” jedhamee barreeffamee dha.
2CO 9:10 Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa.
2CO 9:11 Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Waaqaaf galata fida.
2CO 9:12 Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Waaqaaf irra dhangalaʼu taasisa.
2CO 9:13 Sababii tajaajila isin ittiin of mirkaneessitan sanaatiin, wangeela Kiristoos lallabuun ajajamuu keessanii fi arjummaan keessan kan isin isaanii fi warra kaan hundaaf arjoomtan sanaaf namoonni Waaqa jajatu.
2CO 9:14 Isaanis kadhannaa isiniif kadhatan keessatti sababii ayyaana guddaa kan Waaqni isinii kenne sanaatiif isin yaadu.
2CO 9:15 Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Waaqaaf haa taʼu!
2CO 10:1 Ani Phaawulos kan yeroon isin bira jiru “Ija laafessa” yeroon isin irraa fagaadhu immoo “Ija jabeessa” taʼe garraamummaa fi gara laafina Kiristoosiin isinan kadhadha!
2CO 10:2 Ani yeroon gara keessan dhufutti akka isin ija jabina ani warra waan nu akka yaada fooniitti jiraannu seʼan sana irratti nan qabaadha jedhee yaadu sana qabaadhu akka isin na hin goone isin kadhadha.
2CO 10:3 Nu yoo fooniin jiraanne iyyuu akka yaada fooniitti hin lollu.
2CO 10:4 Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti.
2CO 10:5 Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona.
2CO 10:6 Yommuu isin guutummaatti ajajamuu keessan raawwattanitti, nu immoo ajajamuu diduu hunda haaloo baʼuuf ni qophoofna.
2CO 10:7 Isin waanuma isinitti mulʼatu qofa ilaaltu. Eenyu iyyuu yoo kan Kiristoos taʼuu isaatti amane akkuma inni kan Kiristoos taʼe, nus kan Kiristoos taʼuu keenya haa hubatu.
2CO 10:8 Ani taayitaa keenya kan Gooftaan akka ittiin isin diignuuf utuu hin taʼin akka ittiin isin ijaarruuf nuu kenne sanaan caalaatti yoon boone iyyuu itti hin qaanaʼu.
2CO 10:9 Ani waanan ergaa kootiin isin sodaachisuu yaalu fakkaachuu hin barbaadu.
2CO 10:10 Namoonni tokko tokko, “Ergaan isaa ulfaataa fi cimaa dha; inni yeroo qaamaan argamutti garuu dadhabaa dha; dubbiin isaas tuffatamaa dha” jedhu.
2CO 10:11 Warri akkasii akka wanni nu fagoo jiraannee barreessinuu fi wanni nu yeroo isaan wajjin jirrutti hojjennu tokkuma taʼe haa hubatan.
2CO 10:12 Nu warra of saadan tokko tokkotti of ramaduuf yookaan isaaniin of qixxeessuuf ija hin jabaannu. Isaan yeroo walii isaaniitti of madaalanii fi walii isaaniitti of qixxeessan hin hubatan.
2CO 10:13 Nu garuu hamma daangaa Waaqni nuu ramade kan isin bira gaʼuutti malee dandeettii keenyaa olitti of hin jajnu.
2CO 10:14 Nu waan wangeela Kiristoos lallabaa gara keessan dhufneef, akka waan isin bira hin gaʼiniitti baayʼee hin hiixannuutii.
2CO 10:15 Nu hojii warra kaaniin hojjetameen baayʼee of hin jajnu. Akkuma amantiin keessan guddachaa deemuun akka iddoon hojii keenyaa kan isin gidduutti argamu akka malee babalʼatu ni abdanna;
2CO 10:16 kunis akka nu hojii duraan dursee biyya nama biraa keessatti hojjetameen utuu of hin jajin biyyoota isinii achi jiran keessatti wangeela lallabuu dandeenyuuf.
2CO 10:17 Garuu, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu.”
2CO 10:18 Nama Gooftaan galateessutu fudhatama argata malee namni of galateessu fudhatama hin argatuutii.
2CO 11:1 Ani gowwummaa koo ishee xinnoo naa obsitu jedheen abdadha; duraanuu naa obsitaniirtu.
2CO 11:2 Ani hinaaffaa Waaqaatiin isiniif nan hinaafa. Ani akka durba tokkootti fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhirsa tokko jechuunis Kiristoosiif isin kaadhimeeraatii.
2CO 11:3 Garuu akkuma bofti haxxummaa isaatiin Hewaanin gowwoomse sana yaadni keessanis akkasuma dhugaa fi qulqullina ittiin Kiristoosiif of kennitan sana irraa ni dogoggorfama jedheen sodaadha.
2CO 11:4 Namni tokko gara keessan dhufee yoo Yesuus nu isinii lallabne malee Yesuus kan biraa isinii lallabe, yookaan Hafuura nu isinii lallabne malee hafuura kan biraa yoo fudhattan, yookaan wangeela nu isinii lallabne malee wangeela kan biraa yoo fudhattan ni obsitu.
2CO 11:5 Ani, “Ergamoota hangafoota” sanaa gaditti of hin ilaalu.
2CO 11:6 Ani dubbiitti leenjii hin qabu; garuu beekumsa qaba. Kanas karaa hundaan sirriitti isinii ibsineerra.
2CO 11:7 Wangeela Waaqaa gatii malee isinitti lallabuudhaan akka isin ol ol jettaniif ani gad of qabuun koo cubbuu turee?
2CO 11:8 Ani isin tajaajiluuf jedhee gargaarsa isaan irraa fudhachuudhaan waldoota kiristaanaa kaan saameera.
2CO 11:9 Ani yeroon isin bira turee fi yeroo waa na barbaachisetti eenyutti illee baʼaa hin taane; obboloonni Maqedooniyaa irraa dhufan waan na barbaachisuun na gargaaraa turaniitii. Anis waanuma tokkoon illee akka baʼaa isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; amma illee ittuma fufee ofin eeggadha.
2CO 11:10 Hamma dhugaan Kiristoos na keessa jirutti boonuu koo kana kutaalee biyya Akaayaa keessatti eenyu iyyuu na dhowwuu hin dandaʼu.
2CO 11:11 Maaliif? Ani waan isin hin jaallanneef moo? Isin jaallachuu koo Waaqni ni beeka!
2CO 11:12 Warra waan ittiin boonaniin nuun qixxaachuuf jedhanii carraa barbaaddatan carraa dhowwachuuf ani waanan amma hojjedhu ittuma fufee nan hojjedha.
2CO 11:13 Namoonni akkanaa ergamoota sobaa, hojjettoota nama gowwoomsan, warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of geeddaranii dha.
2CO 11:14 Seexanni mataan isaa ergamaa ifaa fakkaachuuf waan of geeddaruuf kun nama hin dinqu.
2CO 11:15 Egaa tajaajiltoonni isaas yoo tajaajiltoota qajeelummaa fakkaachuuf of geeddaran kun waan nama dinqu miti. Dhumni isaaniis akkuma hojii isaanii taʼa.
2CO 11:16 Ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha: Namni tokko iyyuu gowwaa na hin seʼin. Isin yoo gowwaa na seetan ani xinnoo akkan boonuuf akkuma gowwaa tokkootti na fudhadhaa.
2CO 11:17 Ani of amanadhee boonuu kana keessatti akka gowwaa tokkoottin dubbadha malee akka Gooftaan dubbatutti hin dubbadhu.
2CO 11:18 Waan namoonni hedduun akkuma yaada fooniitti boonaniif, anis nan boona.
2CO 11:19 Isin ogeeyyii waan taataniif gammachuudhaan gowwootaaf obsitu!
2CO 11:20 Yoo eenyu iyyuu isin garboomfate yookaan yoo isin irraa nyaate yookaan yoo faayidaa ofiitiif isinitti fayyadame yookaan yoo koore yookaan yoo isin kabale ni obsituutii.
2CO 11:21 Akka nu waan akkasii irratti dadhaboo turre ani qaanaʼaa nan dubbadha. Ani akka gowwaa tokkoottin dubbadha; waan namni kam iyyuu ittiin of jajuu fi ija jabaatu sana anis ittiin of jajuuf ija nan jabaa dha.
2CO 11:22 Isaan Ibrootaa? Anis akkasuma. Isaan Israaʼelootaa? Anis akkasuma. Isaan sanyii Abrahaamii? Anis akkasuma.
2CO 11:23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosii? Ani akka nama qalbii dabarseettin dubbadhaatii ani nan caala. Ani caalchisee baayʼee itti dadhabeera; caalchisee yeroo baayʼee hidhameera; caalchisee akka malee garafameera; ammumaa ammas duʼaaf saaxilameera.
2CO 11:24 Harka Yihuudootaattis siʼa shan afurtama jechuu tokko hanquu garafameera.
2CO 11:25 Siʼa sadii uleen dhaanameera; siʼa tokko dhagaadhaan tumameera; siʼa sadii dooniin na jalaa caccabeera; halkan tokkoo fi guyyaa tokko galaana keessa tureera;
2CO 11:26 ani utuun wal irraa hin kutin deemsa irra ture. Balaan lagaa, balaan saamtotaa, balaan saba kootii, balaan Namoota Ormaa, magaalaa keessatti balaan, gammoojjii keessatti balaan, galaana irratti balaan, obboloota sobaa irraas balaan na mudatee ture.
2CO 11:27 Ani baayʼee hojjedhee bututeera; halkan baayʼee hirriba dhabeera; beelaʼeera; dheebodheera; yeroo baayʼee soomeera; dhaamodheera; daareeras.
2CO 11:28 Kana hundumaa caalaa yaaddoo ani waldoota kiristaanaa hundumaaf qabutu guyyaa guyyaan natti ulfaata.
2CO 11:29 Eenyutu dadhabaa dha? Ani hin dadhabuu ree? Eenyutu hin gufanne? Ani aaree hin gubadhuu ree?
2CO 11:30 Ani yoon of jajuu qabaadhe waan dadhabbii koo mulʼisuun of nan jaja.
2CO 11:31 Waaqaa fi Abbaan Gooftaa Yesuus inni bara baraan eebbifamu sun akka ani hin sobne ni beeka.
2CO 11:32 Damaasqoo keessatti namichi mooticha Areexaas jalatti bulchaa biyyaa ture na qabsiisuuf jedhee magaalaa namoota Damaasqoo eegsisaa ture.
2CO 11:33 Ani garuu foddaa dallaa keessaan guuboodhaan gad buufamee harka isaa jalaa baʼe.
2CO 12:1 Yoo buʼaa qabaachuu baate iyyuu ani nan boona. Ani gara waan Gooftaan na argisiiseetii fi mulʼata isa biraa dhufeetti nan qajeela.
2CO 12:2 Namichi Kiristoositti jiru tokko waggaa kudha afur dura gara samii sadaffaatti ol fudhatamuu isaa nan beeka. Innis dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa Waaqatu beeka malee ani hin beeku.
2CO 12:3 Ani nama akkanaa nan beeka; dhagna fooniitiin taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku; Waaqatu beeka;
2CO 12:4 innis gara jannataatti ol fudhatamee waan hin dubbatamne kan akka namni himuuf hin eeyyamamne dhagaʼe.
2CO 12:5 Ani waaʼee nama akkasiitiif nan boona; garuu waaʼee dadhabbii kootii malee waaʼee ofii kootii hin boonu.
2CO 12:6 Ani waanan dhugaa dubbachaa jiruuf yoon boonuu filadhe iyyuu hin gowwoomu. Garuu namni tokko iyyuu waan narratti arguu fi waan narraa dhagaʼu caalaa akka waaʼee koo hin yaadneef ani waan akkasii irraa ofin qusadha;
2CO 12:7 akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, ergamaan Seexanaa akka na dhiphisuuf naa kenname.
2CO 12:8 Wanni kun akka narraa fagaatuuf siʼa sadii Gooftaa nan kadhadhe.
2CO 12:9 Inni garuu, “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii” naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.
2CO 12:10 Ani waaʼee Kiristoosiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.
2CO 12:11 Ani of gowwoomseera; waan kanatti garuu isinitu na dhiibe. Ani yoon waanuma tokkotti illee hedamuu baadhe, waan “Ergamoota hangafoota” sanaa gad hin taaneef silaa isin naa dubbachuu qabdu turtan.
2CO 12:12 Mallattoowwan ergamaa dhugaa tokko jechuunis mallattoon, hojiin dinqiitii fi raajiin isin gidduutti obsa guddaadhaan hojjetamaniiru.
2CO 12:13 Ani utuu baʼaa isinitti hin taʼin hafuu kootiin alatti wanti isin ittiin waldoota kiristaanaa kaanii gad taatan maali? Yakka kana naa dhiisaa!
2CO 12:14 Ani siʼa sadaffaaf gara keessan dhufuuf qophaaʼeera; ani isinuma malee qabeenya keessan waan hin barbaanneef baʼaa isinitti hin taʼu. Warratu ijoollee isaaniitiif qabeenya kuusuu qaba malee ijoolleen warra isaaniitiif kuusuu hin qaban.
2CO 12:15 Ani waanan qabu hunda gammachuun isiniif nan kenna; ofii koo illee isiniif nan kenna. Sababii ani baayʼisee isin jaalladhuuf isin immoo xinneessitanii na jaallattuu ree?
2CO 12:16 Haa taʼuu malee ani baʼaa isinitti hin taane. Ani garuu waanan abshaala taʼeef malaan isin qabadhe.
2CO 12:17 Ani namoota isinitti erge keessaa karaa isa tokkootiin illee waa isin irraa nyaadheeraa?
2CO 12:18 Ani akka Tiitoon gara keessan dhufuuf isa kadhadhe; obboleessa tokkos isa wajjin ergeera. Tiitoon waa isin irraa nyaateeraa? Nu hafuura tokkoon, karuma tokko irra deddeebiʼaa hin turree?
2CO 12:19 Isin waan nu hamma ammaatti fuula keessan duratti ofii keenyaaf falmannu seetanii? Nu akka warra Kiristoositti jiraataniitti fuula Waaqaa duratti dubbanna; yaa michoota, waan kana hunda hojjechuun keenya isinuma jajjabeessuuf.
2CO 12:20 Yeroo ani gara keessan dhufutti isin akka ani fedhu taatanii hin argamtan taʼa. Yookaan ani akka isin feetan taʼee hin argamu taʼa jedheen sodaadhaatii. Wal loluun, hinaaffaan, aariin bobaʼuun, wal qooduun, maqaa nama balleessuun, hamiin, of tuulummaanii fi jeequmsi isin gidduu jiraata jedheen sodaadha.
2CO 12:21 Yeroo ani deebiʼee gara keessan dhufutti Waaqni koo fuula keessan duratti gad na deebisa; anis waaʼee namoota baayʼee kanneen kanaan dura cubbuu hojjetanii fi xuraaʼummaa irraa, halalummaa fi jireenya gad dhiisii hamaa irraa hin deebiʼiniif nan gadda jedheen sodaadha.
2CO 13:1 Ani kanaan walitti siʼa sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti. “Dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.”
2CO 13:2 Ani duraanuu yommuun siʼa lammaffaa isin bira turetti isin akeekkachiiseera. Amma illee fagoo taaʼee isuma irra nan deebiʼa; ani yeroon deebiʼee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjetaniifis taʼu warra kaan hundaaf garaa hin laafu;
2CO 13:3 kunis isin akka Kiristoos karaa kootiin dubbatu ragaa waan barbaaddaniif. Inni isin gidduutti cimaadha malee waaʼee keessan irratti dadhabaa miti.
2CO 13:4 Inni dadhabbiidhaan fannifamu iyyuu, humna Waaqaatiin garuu ni jiraata. Nus akkasuma isatti dadhabdoota; taʼus isin tajaajiluuf humna Waaqaatiin isa wajjin ni jiraanna.
2CO 13:5 Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii?
2CO 13:6 Anis akka nu qormaaticha hin kufin isin akka hubattan nan amana.
2CO 13:7 Nu ammas akka isin waan hamaa tokko illee hin hojjenneef Waaqa kadhanna. Kunis nu yoo waan qormaata kufne fakkaanne illee akka isin waan qajeelaa hojjettaniif malee akka namoonni qormaaticha keessatti cimnee dhaabachuu keenya arganiif miti.
2CO 13:8 Nu dhugaaf hojjenna malee, dhugaa mormuudhaan homaa hojjechuu hin dandeenyuutii.
2CO 13:9 Yommuu nu dadhabnee isin immoo jabaattanitti ni gammanna; kadhannaan keenyas akka isin warra hirʼina hin qabne taataniif.
2CO 13:10 Wanni ani yeroo fagoo jirutti barreessuuf kanaa dha; kunis akka ani yeroon gara keessan dhufutti taayitaa Gooftaan akka ani ittiin isin diiguuf utuu hin taʼin, akka ani ittiin isin ijaaruuf naa kennetti fayyadamee isinitti hin jabaanneef.
2CO 13:11 Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Waaqni jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.
2CO 13:12 Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
2CO 13:13 Sabni Waaqaa hundinuu nagaa isinii dhaamu.
2CO 13:14 Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.
GAL 1:1 Phaawulos ergamticha isa utuu namoota biraa yookaan namaan hin taʼin garuu Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa isa Yesuusin warra duʼan keessaa kaaseen ergamee fi
GAL 1:2 obboloota na wajjin jiran hundumaa irraa,
GAL 1:3 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu;
GAL 1:4 inni akka fedhii Abbaa keenyaa fi Waaqa keenyaatti bara hamaa kana jalaa nu oolchuuf jedhee cubbuu keenyaaf of kenne;
GAL 1:5 ulfinni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen.
GAL 1:6 Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Kiristoosiin isin waame sana dhiisuudhaan wangeela biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera;
GAL 1:7 wangeelli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii wangeela Kiristoos jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru.
GAL 1:8 Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu!
GAL 1:9 Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu!
GAL 1:10 Ani amma nama biratti moo Waaqa biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Kiristoos hin taʼu ture.
GAL 1:11 Yaa obboloota, wangeelli ani lallabe sun nama irraa akka hin dhufin isin akka beektan nan barbaada.
GAL 1:12 Ani wangeelicha mulʼataan Yesuus Kiristoos irraa fudhadhe malee nama tokko irraa illee hin fudhanne; yookaan namni na hin barsiifne.
GAL 1:13 Akka ani yeroon amantii Yihuudootaa duukaa buʼaa turetti waldaa kiristaanaa Waaqaa akka malee ariʼachaa fi balleessuufis yaalaa ture dhageessaniirtu.
GAL 1:14 Ani amantii Yihuudootaatiin warra saba koo keessaa hiriyoota koo taʼan baayʼee nan caala ture; duudhaa abbootii kootiifis akka malee nan hinaafa ture.
GAL 1:15 Garuu yommuu Waaqni gadameessa haadha kootii jalqabee na filatee fi ayyaana isaatiin na waame sun,
GAL 1:16 akka ani Namoota Ormaa gidduutti waaʼee Ilma isaa lallabuuf isa natti mulʼisuu jaallatetti ani nama tokkoon iyyuu hin mariʼanne.
GAL 1:17 Ani warra anaan dura ergamoota turan arguuf Yerusaalemitti ol hin baane; garuu yeruma sana biyya Arabaan dhaqe. Ergasiis Damaasqoottin deebiʼe.
GAL 1:18 Ergasiis anis waggaa sadii booddee Keefaan wal baruuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼe; guyyaa kudha shanis isa biran ture.
GAL 1:19 Ani garuu Yaaqoob obboleessa Gooftaa malee ergamoota kaan keessaa tokko illee hin argine.
GAL 1:20 Wanti ani isinii barreessu akka soba hin taʼin kunoo fuula Waaqaa duratti isiniifin mirkaneessa.
GAL 1:21 Ergasiis ani gara Sooriyaa fi biyya Kiilqiyaan dhaqe.
GAL 1:22 Waldoonni Kiristaanaa Yihuudaa kanneen Kiristoositti jiranis fuula koo arganii hin beekan.
GAL 1:23 Isaanis oduu, “Namichi duraan nu ariʼachaa ture sun amma immoo amantiidhuma dur balleessuuf yaalaa ture sana lallabaa jira” jedhu qofa dhagaʼan.
GAL 1:24 Isaanis sababii kootiif Waaqaaf ulfina kennan.
GAL 2:1 Ani waggaa kudha afur booddee deebiʼee Yerusaalemitti ol baʼe; ani yeroo kana Barnaabaas wajjinin ture. Tiitoo illee of duukaa fudhadhee dhaqe.
GAL 2:2 Ani mulʼataanin ol baʼe; wangeela Namoota Ormaa gidduutti lallabus isaaniif nan ibse. Kanas akka fiigichi koo kan duraa, kan ammaas akkasumaan hin hafne waan sodaadheef kophaatti warra dura buʼoota fakkaatanittin hime.
GAL 2:3 Garuu Tiitoon inni ana wajjin ture iyyuu utuma nama Giriik taʼee jiruu akka dhagna qabatu hin dirqisiifamne.
GAL 2:4 Kunis sababii obboloota sobaa tokko tokko bilisummaa nu karaa Kiristoos Yesuusiin arganne basaasuu fi nu garboomfachuuf dhokatanii nu gidduu galaniif taʼe.
GAL 2:5 Nus akka dhugaan wangeelaa isin bira jiraatuuf jennee battala tokkoof illee isaaniif hin ajajamne.
GAL 2:6 Waaʼeen warra gurguddaa fakkaatan sanaa yoo isaan waanuma fedhan taʼan iyyuu anaaf homaa miti; Waaqni fuula namaa ilaalee nama wal hin caalchisu; namoonni kunneen ergaa koo irratti waan tokko hin daballe.
GAL 2:7 Karaa kaaniin immoo isaan akkuma Phexros warra dhagna qabatanitti wangeela lallabuuf imaanaan itti kenname sana, anis akka warra dhagna hin qabannetti wangeela lallabuuf imaanaan natti kenname argan.
GAL 2:8 Waaqni akka Phexros ergamaa taʼee warra dhagna qabatan tajaajilu hojjete sun akka anis ergamaa taʼee Namoota Ormaa tajaajilu hojjeteeraatii.
GAL 2:9 Yaaqoob, Keefaa fi Yohannis warri akka “Utubaatti” ilaalaman sun yommuu ayyaana naa kenname hubatanitti anaa fi Barnaabaasiif harka mirgaa kan tokkummaa kennanii akka nu gara Namoota Ormaa deemnu, isaan immoo akka gara warra dhagna qabatanii dhaqan walii galan.
GAL 2:10 Wanni isaan nu kadhatanis akka nu hiyyeeyyii yaadannu qofa ture; kun immoo waanuma ani gochuuf hawwaa turee dha.
GAL 2:11 Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme.
GAL 2:12 Utuu jarri tokko Yaaqoob biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe.
GAL 2:13 Yihuudoonni kaanis itti fakkeessummaa isaa duukaa buʼan; Barnaabaas iyyuu itti fakkeessummaa isaaniitiin dogoggorfamee ture.
GAL 2:14 Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa wangeelaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; “Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree?
GAL 2:15 “Nu dhalootaan Yihuudoota malee Namoota Ormaa cubbamoota miti;
GAL 2:16 namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.
GAL 2:17 “Egaa nu utuu karaa Kiristoosiin qajeeltota taasifamuu barbaannuu nu mataan keenya iyyuu cubbamoota taanee yoo argamnee Kiristoos tajaajilaa cubbuuti jechuudhaa ree? Kun gonkumaa akkas miti!
GAL 2:18 Ani yoon waanan diige deebisee ijaare akkan seera cabsituu taʼen mirkaneessa.
GAL 2:19 “Ani akkan Waaqaaf jiraadhuuf, karaa seeraatiin seeraaf duʼeeraatii.
GAL 2:20 Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
GAL 2:21 Ani ayyaana Waaqaa gatii hin dhabsiisu; utuu qajeelummaan karaa seeraatiin argamee Kiristoos akkanumaan duʼe jechuu dha kaa!”
GAL 3:1 Yaa warra Galaatiyaa gowwoota! Eenyutu falfala isinitti hojjete? Yesuus Kiristoos akka waan ijuma keessan duratti fannifameetti mulʼifamee hin turree?
GAL 3:2 Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun Hafuura Qulqulluu argattan?
GAL 3:3 Isin akkas gowwaadhaa? Hafuura Qulqulluudhaan jalqabdanii amma immoo fooniin fixxuu ree?
GAL 3:4 Kun dhugumaan iyyuu waan hin fayyadne taanaan isin waanuma hin fayyadneef hammana dhiphattanii ree?
GAL 3:5 Wanni Waaqni Hafuura isaa isinii kennee hojii dinqii gidduu keessanitti hojjetuuf sababii isin seera eegdaniif moo sababii isin waan dhageessan amantaniif?
GAL 3:6 Akkasumas Abrahaam, “Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”
GAL 3:7 Kanaafuu warri amanan ijoollee Abrahaam akka taʼan hubadhaa.
GAL 3:8 Katabbiin Qulqulluun akka Waaqni amantiin Namoota Ormaa qajeeltota taasisu duraan dursee argee, “Sabni hundinuu karaa keetiin eebbifama” jedhee duraan dursee Abrahaamitti wangeela lallabe.
GAL 3:9 Kanaaf warri amantii qaban, Abrahaam nama amantii sana wajjin eebbifaman.
GAL 3:10 Warri seera eeguu isaanii abdatan hundinuu abaarsa jala jiru; “Namni waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame hundaaf itti fufee hin ajajamne kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameeraatii.
GAL 3:11 Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf” akka eenyu iyyuu fuula Waaqaa duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa.
GAL 3:12 Seerri amantii irratti hin hundeeffamne; inni garuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedha.
GAL 3:13 Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameef, Kiristoos nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure.
GAL 3:14 Inni akka nu amantiin Hafuura Qulqulluu waadaa kenname sana argannuuf, akka eebbi Abrahaamiif kenname sun karaa Kiristoos Yesuusiin gara Namoota Ormaa dhufuuf nu fure.
GAL 3:15 Yaa obboloota, ani akka namaattin dubbadha. Kakuun namaa iyyuu erga yeroo tokko mirkaneeffamee booddee eenyu iyyuu hin tuffatu yookaan itti hin dabalu.
GAL 3:16 Egaa Abrahaamii fi sanyii isaatiif waadaan galameera. Katabbiin Qulqulluun, akka waan nama hedduuf dubbatameetti, “Sanyiiwwan” hin jedhu; garuu akka waan nama tokkoof dubbatameetti, “Sanyii keetiif” jedha; innis Kiristoos.
GAL 3:17 Wanni ani jedhus kana: Seerri waggaa 430 booddee dhufe sun kakuu Waaqni duraan dursee gale diigee akkasiin waadaa sana hin balleessu.
GAL 3:18 Dhaalli utuu karaa seeraatiin taʼee siʼachi waadaadhaan hin taʼu ture; Waaqni garuu ayyaana isaatiin waadaadhaan Abrahaamiif dhaala kenne.
GAL 3:19 Yoos seerri maaliif kenname ree? Seerri sababii yakka hamma Sanyiin waadaan kennameef sun dhufutti tureetiif kenname. Seerri sunis karaa ergamootaatiin harka araarsaa gidduu galeessa tokkootiin hojii irra oolfame.
GAL 3:20 Taʼus araarsaan gidduu galeessi tokko garee tokko qofaaf hin dhaabatu; Waaqni garuu tokkichuma.
GAL 3:21 Kanaafuu seerri waadaa Waaqaatiin mormaa ree? Gonkumaa akkas miti! Utuu seerri jireenya kennuu dandaʼu kennamee jiraatee silaa qajeelummaan dhugumaan seeraan argama tureetii.
GAL 3:22 Katabbiin Qulqulluun garuu akka wanni karaa Yesuus Kiristoositti amanuutiin waadaa galame sun warra amananiif kennamuuf waan hundumaa cubbuu akka hidhamaa godhe labsa.
GAL 3:23 Utuu amantiin hin dhufiniin dura hamma amantiin mulʼifamutti seera jalatti hidhamnee nutti cufamee turre.
GAL 3:24 Kanaafuu akka nu amantiin qajeeltota taasifamnuuf Kiristoositti nu geessuuf seerri guddiftuu keenya ture.
GAL 3:25 Amma garuu waan amantiin dhufeef nu siʼachi guddiftuu jala hin jiraannu.
GAL 3:26 Hundi keessan amantii Kiristoos Yesuusitti qabdaniin ijoollee Waaqaa ti;
GAL 3:27 isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.
GAL 3:28 Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii.
GAL 3:29 Erga kan Kiristoos taatanii yoos isin sanyii Abrahaam; akka waadaattis dhaaltota.
GAL 4:1 Wanni ani jedhu kana; dhaaltuun yoo qabeenyi hundi kan isaa taʼe iyyuu inni hamma daaʼima taʼee jirutti garba irraa adda miti.
GAL 4:2 Inni hamma guyyaan abbaan isaa murteesse sun gaʼutti warra isa eeganii fi warra isa guddisan jala jira.
GAL 4:3 Nus akkasuma bara daaʼimman turretti garbummaa sirna addunyaa jala turre.
GAL 4:4 Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge;
GAL 4:5 kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf.
GAL 4:6 Sababii isin ilmaan taataniifis Waaqni Hafuura Ilma isaa kan, “Aabbaa, yaa Abbaa” jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge.
GAL 4:7 Kanaaf ati siʼachi ilma malee garba miti; erga ilma taatee immoo Waaqni dhaaltuu si taasiseera.
GAL 4:8 Isin utuu Waaqa hin beekiniin dura, waaqota uumama isaaniitiin waaqota hin taʼiniif garboomtanii turtan.
GAL 4:9 Amma garuu isin erga Waaqa beektanii, keessumattuu erga Waaqa biratti beekamtanii booddee akkamitti gara sirnoota dadhaboo fi sirnoota faayidaa hin qabneetti deebitu ree? Isin ammas isaaniif garboomuu barbaadduu?
GAL 4:10 Isin guyyoota, jiʼoota, waqtiilee fi waggoota addaa kabajju!
GAL 4:11 Ani akkasumaan isinitti dadhabe jedheen isiniif sodaadha.
GAL 4:12 Yaa obboloota, akkuma ani isin fakkaadhe, isinis akka na fakkaattan isin kadhadha. Isin balleessaa tokko illee natti hin hojjenne.
GAL 4:13 Yeroo jalqabaatti akka ani sababii dhukkubaatiin wangeela isinitti lallabe ni beektu;
GAL 4:14 yoo dhukkubni koo qoramsa isinitti taʼe iyyuu, isin akka waan ani ergamaa Waaqaa taʼeetti, akka waan ani Kiristoos Yesuus matuma isaa taʼeetti na simattan malee na hin tuffanne yookaan na hin balfine.
GAL 4:15 Eebbi keessan sun hundi eessa jira? Utuu dandaʼamee ija keessan illee akka of keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan ture ani dhugaa baʼuu nan dandaʼa.
GAL 4:16 Egaa ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan taʼee ree?
GAL 4:17 Namoonni sun ofitti isin deebisuuf hinaafu; garuu waan gaariif miti. Isaan akka isin isaaniif hinaaftaniif nurraa gargar isin baasuu barbaadu.
GAL 4:18 Yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin yeroo hundumaa kaayyoo gaariif hinaaffaa qabaachuun gaarii dha.
GAL 4:19 Yaa ijoollee ko, ani hamma Kiristoos isin keessatti mulʼatutti ammas isiniif jedhee nan ciniinsifadha;
GAL 4:20 ani waaʼee keessaniif waan shakkii keessa jiruuf utuu isin biratti argamee sagalee koo geeddaradhee akkam hawwan ture!
GAL 4:21 Warri seera jala jiraachuu barbaaddan mee natti himaa; isin waan seerri jedhu hin dhageenyee?
GAL 4:22 “Abrahaam ilmaan lama qaba ture; tokko dubartii garbittii irraa, kaan immoo dubartii birmaduu irraa dhalate” jedhamee barreeffameeraatii.
GAL 4:23 Ilmi isaa inni dubartii garbittii irraa dhalate akka fedhii fooniitti dhalate; inni dubartii birmaduu irraa dhalate immoo akka waadaatti dhalate.
GAL 4:24 Kunis akka fakkeenyaatti fudhatamuu dandaʼa; dubartoonni kunneen kakuuwwan lamaan argisiisu. Kakuun tokko kan Tulluu Siinaa ti; kunis garbummaaf ijoollee horti; isheenis Aggaar.
GAL 4:25 Egaa Aggaar akka Tulluu Siinaa isa biyya Arabaa keessaa ti; isheenis magaalaa Yerusaalem ishee yeroo ammaatti fakkeeffamti; magaalaan kun ijoollee ishee wajjin garbummaa keessa jirtiitii.
GAL 4:26 Yerusaalem isheen samii irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya.
GAL 4:27 Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “Yaa dubartii dhabduu kan ijoollee tokko illee hin daʼin ati gammadi; atis kan ciniinsifattee hin beekne guddisiitii ililchi; ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa, ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu.”
GAL 4:28 Yaa obboloota, isinis akkuma Yisihaaq ijoollee waadaa ti.
GAL 4:29 Yeroo sana ilmi akka fedhii fooniitti dhalate sun ilma humna Hafuuraatiin dhalate ariʼate. Amma illee akkasuma.
GAL 4:30 Garuu Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Garbittii sanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii sun ilma dubartittii birmaduu wajjin hin dhaaluutii” jedha.
GAL 4:31 Kanaafuu yaa obboloota, nu ilmaan dubartii birmaduu sanaati malee ilmaan garbittii miti.
GAL 5:1 Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.
GAL 5:2 Kunoo, dhagna yoo qabattan Kiristoos waan tokko akka isin hin fayyadne ani Phaawulos isinitti nan hima.
GAL 5:3 Namni dhagna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa taʼe ani amma illee nan mirkaneessaaf.
GAL 5:4 Isin warri seeraan qajeeltota taasifamuu barbaaddan Kiristoos irraa gargar baataniirtu; ayyaana irraas kuftaniirtu.
GAL 5:5 Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna.
GAL 5:6 Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.
GAL 5:7 Isin fiigicha gaarii fiigaa turtan. Eenyutu gufuu isinitti taʼee dhugaadhaaf ajajamuu isin dhowwe ree?
GAL 5:8 Sossobbiin akkasii isa isin waame sana biraa hin dhufu.
GAL 5:9 “Raacitiin xinnoon bukoo guutuu ni bukeessa.”
GAL 5:10 Ani akka isin yaada biraa hin qabaanne karaa Gooftaatiin isin amanadha. Abbaa fedhe illee taanaan namni isin jeequu murtii ni argata.
GAL 5:11 Yaa obboloota, ani amma iyyuu yoon dhagna qabaa lallabaa jiraadhee ani amma iyyuu maaliifin ariʼatama ree? Yoo akkas taʼee immoo fannoon gufuu taʼuun isaa ni hafa ture!
GAL 5:12 Warri isin jeeqan sun dhagna qabachuu qofa utuu hin taʼin utuu of irraa muranii iyyuu nan hawwa!
GAL 5:13 Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
GAL 5:14 Seerri guutuun ajaja tokkicha, “Ollaa kee akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhuun xumurameeraatii.
GAL 5:15 Garuu isin yoo wal ciniinuu fi wal nyaachuutti fuftan akka wal hin balleessineef of eeggadhaa.
GAL 5:16 Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha.
GAL 5:17 Foon Hafuuraan ni mormaatii; Hafuurris fooniin ni morma. Isaan akka isin waan hojjechuu barbaaddan hin hojjenneef wal mormu.
GAL 5:18 Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan.
GAL 5:19 Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii,
GAL 5:20 waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu,
GAL 5:21 weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
GAL 5:22 Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa,
GAL 5:23 garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
GAL 5:24 Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.
GAL 5:25 Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
GAL 5:26 Kottaa of hin tuulluu; wal hin aarsinuu; walittis hin hinaafnuu.
GAL 6:1 Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu.
GAL 6:2 Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu.
GAL 6:3 Namni tokko utuu waan tokko iyyuu hin taʼin, waan waa tokko taʼe yoo of seʼe, inni of gowwoomsa.
GAL 6:4 Tokkoon tokkoon namaa hojii mataa isaa haa qoru. Ergasiis utuu nama kaanitti of hin madaalin of qofa jajuu ni dandaʼa;
GAL 6:5 tokkoon tokkoon namaa baʼaa ofii isaa baadhachuu qabaatii.
GAL 6:6 Namni dubbicha baratu kam iyyuu waan gaarii hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa qoodatu.
GAL 6:7 Hin gowwoominaa; Waaqaatti qoosuun hin dandaʼamu. Namni waanuma facaafate haammataatii.
GAL 6:8 Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.
GAL 6:9 Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii.
GAL 6:10 Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.
GAL 6:11 Akka ani harkuma kootiin qubee gurguddaa hammam gaʼuun isinii barreesse mee ilaalaa!
GAL 6:12 Warri fooniin gaarii taʼanii mulʼachuu barbaadan akka isin dhagna qabattan isin dirqisiisuu yaalu. Isaanis fannoo Kiristoosiif jedhanii akka hin ariʼatamne qofaaf waan kana godhu.
GAL 6:13 Warri dhagna qabatan mataan isaanii iyyuu seera hin eegan; taʼus isaan dhagna qabaa keessan kan fooniitiin boonuuf jedhanii akka isin dhagna qabattan barbaadu.
GAL 6:14 Fannoo Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos kan ittiin addunyaan naaf fannifame, kan anis ittiin addunyaaf fannifame sana malee waan biraatiin of jajuun narraa haa fagaatu.
GAL 6:15 Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
GAL 6:16 Nagaa fi araarri warra seera kana duukaa buʼan hundaaf, Israaʼel Waaqaatiifis haa taʼu.
GAL 6:17 Ani dhagna koo irraa godaannisa Yesuus qabaatii siʼachi namni tokko iyyuu na hin rakkisin.
GAL 6:18 Yaa obboloota, ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
EPH 1:1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
EPH 1:2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
EPH 1:3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu.
EPH 1:4 Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis
EPH 1:5 akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Yesuus Kiristoosiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse;
EPH 1:6 kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf.
EPH 1:7 Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;
EPH 1:8 ayyaana isaas ogummaa fi hubannaa hunda wajjin nuu baayʼise.
EPH 1:9 Innis akka nu icciitii fedhii isaa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa Kiristoosiin karoorfate sana beeknu godhe;
EPH 1:10 yaadni isaas yeroo barri murtaaʼe sun guutuutti wantoota samii keessaa fi lafa irra jiran hunda Kiristoos jalatti walitti qabuuf jedhee ti.
EPH 1:11 Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra;
EPH 1:12 kunis akka nu warri Kiristoosin abdachuutti kanneen jalqabaa taane galata ulfina isaa taanuuf.
EPH 1:13 Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan;
EPH 1:14 innis warri kan Waaqayyoo taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.
EPH 1:15 Kanaafuu ani waaʼee amantii isin Gooftaa Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdanii dhagaʼee
EPH 1:16 kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne.
EPH 1:17 Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha.
EPH 1:18 Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Waaqa nan kadhadha;
EPH 1:19 akkasumas humni isaa inni nu warra amannu keessatti hojjetu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis akkuma jabina guddaa
EPH 1:20 kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha;
EPH 1:21 isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise.
EPH 1:22 Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne;
EPH 1:23 waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha.
EPH 2:1 Isin irra daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan;
EPH 2:2 kunis isuma isin yeroo jireenya addunyaa kanaatii fi bulchaa mootummaa qilleensaa jechuunis hafuura amma iyyuu warra hin ajajamne keessatti hojjetu duukaa buutanitti keessa jiraachaa turtanii dha.
EPH 2:3 Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre.
EPH 2:4 Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf,
EPH 2:5 yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
EPH 2:6 Waaqnis Kiristoos wajjin duʼaa nu kaase; karaa Kiristoos Yesuusiinis isa wajjin iddoo samii irra nu teessise;
EPH 2:7 innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe.
EPH 2:8 Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti;
EPH 2:9 akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.
EPH 2:10 Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.
EPH 2:11 Kanaaf isin warri durumaa dhalootaan Namoota Ormaa taatan akka warra dhagna qabaa harka namaatiin dhagna namaa irratti hojjetamuun, “Nu warra dhagna qabatee dha” ofiin jedhan biratti “Warra dhagna hin qabatin” jedhamtanii waamamtan sana yaadadhaa;
EPH 2:12 isin akka yeroo sana Kiristoos irraa cittanii, lammummaa Israaʼel keessaa baafamtanii, kakuu waadaatiifis keessumoota taatanii, abdii malee, Waaqa malees addunyaa keessa turtan yaadadhaa.
EPH 2:13 Amma garuu isin warri yeroo tokko fagoo turtan Kiristoos Yesuusiin dhiiga Kiristoosiin dhiʼeeffamtaniirtu.
EPH 2:14 Kiristoos nagaa keenyaatii; innis dallaa diinummaa kan gargar baasu sana diigee jara lamaanuu tokko godheera;
EPH 2:15 inni foon ofiitiin seera ajajaa fi sirna isaa wajjin diigeera. Kaayyoon isaas jara lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee akkasiin nagaa buusuudhaan
EPH 2:16 fannoo ittiin diinummaa isaanii ajjeese sanaan lamaan isaanii iyyuu dhagna tokko godhee Waaqatti araarse.
EPH 2:17 Innis dhufee isin warra fagoo turtanitti nagaa, warra dhiʼoo turanittis nagaa lallabe.
EPH 2:18 Nu lamaanuu karaa isaatiin Hafuura tokkicha sanaan akka itti Abbaa bira geenyu qabnaatii.
EPH 2:19 Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti;
EPH 2:20 isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.
EPH 2:21 Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata.
EPH 2:22 Isinis isumaan mana Waaqni Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.
EPH 3:1 Sababii kanaaf ani Phaawulos isin Namoota Ormaatiif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuus taʼeera.
EPH 3:2 Isin dhugumaan waaʼee hojii ayyaana Waaqaa kan isiniif jedhamee natti kenname sanaa dhageessaniirtu;
EPH 3:3 kunis akkuma ani kanaan dura gabaabsee isinii barreessetti icciitii mulʼataatiin natti beeksifame.
EPH 3:4 Isin yommuu waan kana dubbiftanitti akka ani waaʼee icciitii Kiristoos beekumsa qabu hubachuu ni dandeessu;
EPH 3:5 icciitiin kunis akka amma Hafuuraan ergamootaa fi raajota qulqulloota Waaqaatti mulʼifametti dhaloota kaanitti hin beeksifamne.
EPH 3:6 Icciitiin kunis Namoonni Ormaa karaa wangeelaatiin saba Israaʼel wajjin dhaaltota, isaanuma wajjin dhagna tokko, waadaa Kiristoos Yesuusiin kenname keessatti immoo hirmaattota taʼuu isaanii ti.
EPH 3:7 Anis kennaa ayyaana Waaqaa kan karaa hojii humna isaatiin naa kennameen tajaajilaa wangeela kanaa taʼeera.
EPH 3:8 Ani qulqulloota hundaa gad taʼu iyyuu akka badhaadhummaa Kiristoos kan qoramee bira hin gaʼamne sana Namoota Ormaatti lallabuuf ayyaanni kun naa kennameera;
EPH 3:9 akkasumas icciitiin bara dheeraaf Waaqa waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf.
EPH 3:10 Kaayyoon isaas akka ogummaan Waaqaa inni dachaa hedduu qabu sun amma karaa waldaa kiristaanaatiin bulchitootaa fi abbootii taayitaa kanneen samii irra jiranitti beeksifamuuf;
EPH 3:11 kunis akkuma kaayyoo isaa kan bara baraa kan inni karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin raawwate sanaatti ture.
EPH 3:12 Nus isaan, amantii isa irratti qabnuun, ija jabinaa fi amanachuudhaan Waaqatti dhiʼaachuu dandeenya.
EPH 3:13 Kanaafuu sababii ani isiniif dhiphachaa jiruuf jettanii akka abdii hin kutanne isin kadhadha; dhiphachuun koo ulfinuma keessan.
EPH 3:14 Sababii kanaaf ani fuula Abbaa duratti nan jilbeenfadha;
EPH 3:15 maatiin isaa warri samii irraa fi warri lafa irraa hundinuu maqaa isaanii isa irraa argatu.
EPH 3:16 Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha;
EPH 3:17 akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha;
EPH 3:18 isinis jaalalli Kiristoos hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif,
EPH 3:19 akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha.
EPH 3:20 Waaqa isa humna isaa kan nu keessatti hojjetu sanaan hamma nu kadhannu yookaan hamma nu yaadnu hundumaa olitti akka malee hojjechuu dandaʼu sanaaf,
EPH 3:21 waldaa kiristaanaa keessatti, dhaloota hunda keessattis karaa Kiristoos Yesuusiin bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
EPH 4:1 Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka jiraattan isin nan kadhadha.
EPH 4:2 Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.
EPH 4:3 Hidhaa nagaatiin tokkummaa Hafuuraa eeguuf carraaqaa.
EPH 4:4 Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira;
EPH 4:5 Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira;
EPH 4:6 Waaqaa fi Abbaan waan hundaa, inni waan hundaa ol taʼe, kan waan hunda keessatti hojjetuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichatu jira.
EPH 4:7 Garuu akkuma safara kennaa Kiristoositti tokkoo tokkoo keenyaaf ayyaanni kennameera.
EPH 4:8 Kanaafuu, “Inni yommuu ol gubbaa baʼetti, boojuu boojiʼe; namootaafis kennaa kenne” jedha.
EPH 4:9 Egaa, “Inni ol baʼe” jechuun isaa dhidhima lafaatti gad buʼe jechuu malee maal jechuu isaa ti?
EPH 4:10 Inni gad buʼe sun isuma waan hunda guutuuf jedhee samiiwwan hundaa olitti ol baʼee dha.
EPH 4:11 Innis namoota tokko tokko ergamoota, kaan raajota, kaan lallabdoota wangeelaa, kaan immoo tiksootaa fi barsiistota taasisee kenne;
EPH 4:12 waan kanas akka dhagni Kiristoos ijaaramuuf qulqulloota hojii tajaajilaatiif qopheessuuf jedhee godhe;
EPH 4:13 kunis waan hamma hundi keenya tokkummaa amantiitii fi tokkummaa Ilma Waaqaa beekuu bira geenyutti, akka guddannee sadarkaa guutama Kiristoos bira gaʼuudhaan namoota bilchaatoo taanuuf.
EPH 4:14 Egaa nu siʼachi duraa duubatti dadarbatamaa bubbee barsiisa gosa hundaatiin, haxxummaa fi jalʼina marii gowwoomsitootaatiin asii fi achi oofamaa daaʼimman hin taanu.
EPH 4:15 Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos.
EPH 4:16 Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara.
EPH 4:17 Kanaafuu ani waan kana isinitti nan hima; maqaa Gooftaatiinis jabeessee isinitti nan dubbadha; isin siʼachi akka Namoonni Ormaa warri yaadni isaanii faayidaa hin qabne sun jiraatanitti hin jiraatinaa.
EPH 4:18 Sababii mata jabina isaaniitiinis waan wallaalummaan isaan keessa jiruuf hubannaan isaanii dukkaneeffameera; jireenya Waaqaa keessaas baʼaniiru.
EPH 4:19 Isaanis waan qalbiin isaanii hadoodeef hamma xuraaʼummaa gosa hundaa keessa galanitti sassattummaan guutaman.
EPH 4:20 Isin garuu akkasitti Kiristoosin hin barre;
EPH 4:21 isin dhugumaan akkuma dhugaa Yesuus keessa jiru sanaatti waaʼee Kiristoos dhageessanii isumaanis barsiifamtaniirtu.
EPH 4:22 Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa;
EPH 4:23 hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa;
EPH 4:24 namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.
EPH 4:25 Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu.
EPH 4:26 “Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;” utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin;
EPH 4:27 diiyaabiloosiifis carraa hin kenninaa.
EPH 4:28 Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu.
EPH 4:29 Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.
EPH 4:30 Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.
EPH 4:31 Hadhaaʼummaan, dheekkamsii fi aariin, wacnii fi maqaa nama balleessuun hundinuu hammina hundumaa wajjin isin irraa haa fagaatu.
EPH 4:32 Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.
EPH 5:1 Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa;
EPH 5:2 akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.
EPH 5:3 Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii.
EPH 5:4 Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin.
EPH 5:5 Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa.
EPH 5:6 Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii.
EPH 5:7 Kanaafuu isin waan isaan hojjetan keessatti hin hirmaatinaa.
EPH 5:8 Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa;
EPH 5:9 iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii;
EPH 5:10 waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa.
EPH 5:11 Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa.
EPH 5:12 Waan isaan icciitiin hojjetan dubbachuun iyyuu qaaniidhaatii.
EPH 5:13 Wanni ifni sun saaxilu hundinuu garuu ni mulʼata;
EPH 5:14 kanaafis, “Ati yaa isa raftu, dammaqi; warra duʼan keessaas kaʼi; Kiristoos siif ibsaatii” jedhameera.
EPH 5:15 Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa;
EPH 5:16 waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.
EPH 5:17 Kanaafuu fedhiin Gooftaa maal akka taʼe hubadhaa malee gowwaa hin taʼinaa.
EPH 5:18 Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;
EPH 5:19 faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;
EPH 5:20 yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
EPH 5:21 Sodaa Kiristoosiif qabdaniin waliif ajajamaa.
EPH 5:22 Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
EPH 5:23 Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti.
EPH 5:24 Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.
EPH 5:25 Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;
EPH 5:26 innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf,
EPH 5:27 waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe.
EPH 5:28 Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata.
EPH 5:29 Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu;
EPH 5:30 nu kutaalee dhagna isaatii.
EPH 5:31 “Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.”
EPH 5:32 Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha.
EPH 5:33 Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
EPH 6:1 Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii.
EPH 6:2 Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha;
EPH 6:3 kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.”
EPH 6:4 Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
EPH 6:5 Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa.
EPH 6:6 Yeroo iji isaanii isin argutti isaan biratti fudhatama argachuu qofaaf utuu hin taʼin garaa guutuun fedhii Waaqaa raawwachaa akka garboota Kiristoositti isaaniif ajajamaa.
EPH 6:7 Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa;
EPH 6:8 sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu.
EPH 6:9 Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun samii irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa.
EPH 6:10 Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa.
EPH 6:11 Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
EPH 6:12 Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii.
EPH 6:13 Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
EPH 6:14 Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa;
EPH 6:15 qophaaʼummaa wangeela nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa.
EPH 6:16 Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa.
EPH 6:17 Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.
EPH 6:18 Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa.
EPH 6:19 Yommuun afaan saaqqadhu hunda ija jabinaan icciitii wangeelaa akkan beeksisuuf dubbiin akka naa kennamu anaafis kadhadhaa;
EPH 6:20 wangeelli kunis isuma ani isaaf jedhee ergamaa taʼee foncaan hidhamee dha. Isinis akka ani akkuma narraa eegamutti sodaa malee isa lallabuu dandaʼuuf naa kadhadhaa.
EPH 6:21 Xikiqoos obboleessi jaallatamaan, Gooftaattis tajaajilaan amanamaan haala ani keessa jiruu fi maal akka ani hojjechaa jiru akka beektaniif waan hundumaa isinitti hima.
EPH 6:22 Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni isin jajjabeessuuf, waanuma kanaaf jedhee ani gara keessanitti isa ergeera.
EPH 6:23 Waaqa Abbaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa nagaan, jaalallis amantii wajjin obboloota hundaaf haa taʼu.
EPH 6:24 Warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin jaallatan hundaaf ayyaanni haa taʼu.
PHI 1:1 Phaawulosii fi Xiimotewos tajaajiltoota Kiristoos Yesuus irraa,
PHI 1:2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
PHI 1:3 Ani yeroo isin yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha.
PHI 1:4 Ani kadhannaa hunda keessaniif kadhadhu keessatti yeroo hunda gammachuun nan kadhadha;
PHI 1:5 isin guyyaa jalqabaatii hamma ammaatti wangeela lallabuu keessatti hirmaattaniirtuutii;
PHI 1:6 inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.
PHI 1:7 Waan isin garaa koo keessa jirtaniif ani waaʼee hunda keessanii akkanatti yaaduun koo anaaf sirrii dha; hidhamuu koo keessattis taʼu yookaan wangeelaaf falmuu kootii fi akka wangeelli cimee dhaabatu gochuu koo keessatti hundi keessan na wajjin ayyaana Waaqaa keessatti hirmaatuutii.
PHI 1:8 Akka ani jaalala Kiristoos Yesuusiin hammam hunda keessan yaadu Waaqayyo dhuga baatu koo ti.
PHI 1:9 Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu,
PHI 1:10 akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif,
PHI 1:11 akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif.
PHI 1:12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada.
PHI 1:13 Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera.
PHI 1:14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.
PHI 1:15 Namoonni tokko tokko dhugumaan weennoo fi morkiidhaan Kiristoosin lallabu; warri kaan garuu yaada gaariidhaan lallabu.
PHI 1:16 Warri yaada gaariidhaan lallaban kunneen, akka ani wangeelaaf falmuuf jedhee as kaaʼame beekanii jaalalaan lallabu.
PHI 1:17 Warri weennoo fi morkiidhaan lallaban immoo utuu garaa qulqulluun hin taʼin, mana hidhaa keessatti rakkina natti cimsuuf jedhanii fedhii ofittummaatiin Kiristoosin lallabu.
PHI 1:18 Yoos wanni kun maal qaba ree? Wanni barbaachisaan fakkeessuunis taʼu yookaan dhugaan karaa kam iyyuu Kiristoos lallabamuu isaa ti. Sababii kanaaf ani akka malee nan gammada. Eeyyee ani ittuma fufee nan gammada;
PHI 1:19 akka wanni narra gaʼe kun karaa kadhannaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Yesuus Kiristoosiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii.
PHI 1:20 Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas.
PHI 1:21 Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha.
PHI 1:22 Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku!
PHI 1:23 Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii;
PHI 1:24 isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha.
PHI 1:25 Anis kana amanadhee akka isin amantiin guddattanii fi akka isin gammaddaniif hunda keessan bira akka turu, isin wajjinis akka jiraadhun beeka.
PHI 1:26 Kunis ani ammas isin biratti argamuu kootiin of jajuun isin Kiristoos Yesuusitti qabdan sababii kootiin akka baayʼatuuf.
PHI 1:27 Waan fedhe iyyuu taʼu akka wangeela Kiristoosiif malutti jiraadhaa. Yoos ani dhufee isin arguunis taʼu yookaan fagoo taaʼee waaʼee keessan dhagaʼuu qofaan, akka isin amantii wangeelaatiif jettanii akkuma nama tokkootti tattaaffachuun hafuura tokkoon jabaattanii dhaabattan nan beeka.
PHI 1:28 Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Waaqaa ti.
PHI 1:29 Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;
PHI 1:30 kunis walʼaansoo ani keessa ture isa argitan sanaa fi isa ani amma iyyuu keessa jiru kan dhageessan kana keessa darbuutti waan jirtaniifii dha.
PHI 2:1 Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan,
PHI 2:2 gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa.
PHI 2:3 Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.
PHI 2:4 Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.
PHI 2:5 Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
PHI 2:6 Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
PHI 2:7 qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
PHI 2:8 Bifa namaa uffatee argamuudhaanis, gad of deebise; duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
PHI 2:9 Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.
PHI 2:10 Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf.
PHI 2:11 Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
PHI 2:12 Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa;
PHI 2:13 akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Waaqaatii.
PHI 2:14 Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa;
PHI 2:15 kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,
PHI 2:16 yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Kiristoositti of jajuu nan dandaʼa.
PHI 2:17 Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada.
PHI 2:18 Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.
PHI 2:19 Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Yesuusin nan abdadha.
PHI 2:20 Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu.
PHI 2:21 Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Yesuus Kiristoosiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii.
PHI 2:22 Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii wangeelaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu.
PHI 2:23 Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha.
PHI 2:24 Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha.
PHI 2:25 Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata.
PHI 2:26 Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira.
PHI 2:27 Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Waaqni garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera.
PHI 2:28 Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa.
PHI 2:29 Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa;
PHI 2:30 inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Kiristoosiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.
PHI 3:1 Dhuma irrattis yaa obboloota ko, Gooftaatti gammadaa! Ani waanuma kanaan duraa irra deebiʼee isinii barreessuun na hin dhibu; kun isiniif eegumsa.
PHI 3:2 Saroota irraa of eeggadhaa; namoota hammina hojjetan irraa of eeggadhaa; dhagna qabaa sobaa irraas of eeggadhaa.
PHI 3:3 Sababiin isaa nu warri Hafuura Waaqaatiin waaqeffannu, warri Kiristoos Yesuusiin of jajnuu fi warri foon hin amananne dhagna qabanneerraatii;
PHI 3:4 taʼus ani mataan koo amanachuu akkanaatiif sababii qaba. Namni biraa kam iyyuu foon amanachuuf waan sababii qabu yoo of seʼe, ani immoo isa caalaa qaba:
PHI 3:5 Ani dhaladhee guyyaa saddeettaffaattin dhagna qabadhe; sanyii Israaʼel keessaas gosa Beniyaam irraa dhaladhe; warra Ibrootaa keessaas Ibricha tokkoo dha; akka seeraattis ani Fariisota keessaa tokko dha;
PHI 3:6 waaʼee hinaaffaa, ani waldaa kiristaanaa ariʼachaan ture; waaʼee qajeelummaa seera eeguun argamuus ani mudaa hin qabu ture.
PHI 3:7 Garuu waan na fayyadaa ture amma Kiristoosiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala.
PHI 3:8 Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Kiristoos Yesuus isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Kiristoosin argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala;
PHI 3:9 kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.
PHI 3:10 Ani Kiristoosii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada;
PHI 3:11 akkasiinis ani duʼaa kaʼuu warra duʼanii argachuu nan dandaʼa.
PHI 3:12 Kiristoos Yesuus waan kan ofii isaa na godhateef anis waan kana harkatti galfachuuf nan fiiga jechuudha malee waan kana hunda argadheera yookaan nama hirʼina hin qabne taʼeera jechuu miti.
PHI 3:13 Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha;
PHI 3:14 badhaasa Waaqni Kiristoos Yesuusiin ol samiitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
PHI 3:15 Nu warri bilchaatoon hundinuu waan akkanaa haa yaadnu. Yoo waan tokko tokko irratti yaada garaa garaa qabaattan garuu kanas Waaqni isinii ibsa.
PHI 3:16 Taʼus waanuma kanaan dura irra geenye sanaan haa jiraannu.
PHI 3:17 Yaa obboloota, fakkeenya koo duukaa buʼuudhaan warra kaaniin tokko taʼaa; warra fakkeenya nu isinii kennineen jiraatanis hubadhaa.
PHI 3:18 Akkuma ani yeroo hedduu isinitti himee fi akkuma ani amma illee imimmaaniin iyyuu isinitti himu, namoonni baayʼeen diinota fannoo Kiristoos taʼanii jiraatuutii.
PHI 3:19 Dhumni isaanii badiisa; Waaqni isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaaniitiin. Yaadni isaaniis waanuma lafaa irratti hundeeffama.
PHI 3:20 Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;
PHI 3:21 innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.
PHI 4:1 Kanaafuu yaa obboloota ko, isin warri ani jaalladhuu fi warri ani yaadu, warri gammachuu kootii fi gonfoo koos taatan, yaa michoota ko, akkanatti Gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa!
PHI 4:2 Ani akka isaan Gooftaadhaan yaada tokko qabaataniif Ewoodiyaanin nan kadhadha; Sinxiikeenis nan kadhadha.
PHI 4:3 Yaa hidhata dhugaa, dubartoonni kunneen Qaleeminxoosii fi warra na wajjin hojjetan kanneen maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame kaan wajjin waan hojii wangeelaa keessatti na wajjin dadhabaniif akka ati isaan gargaartuuf sin kadhadha.
PHI 4:4 Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!
PHI 4:5 Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira.
PHI 4:6 Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.
PHI 4:7 Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.
PHI 4:8 Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.
PHI 4:9 Isin waan narraa barattan yookaan narraa argattan yookaan narraa dhageessan yookaan narratti argitan hunda isinis akkasuma godhaa. Waaqni nagaa isin wajjin ni taʼa.
PHI 4:10 Sababii isin dhuma irratti deebitanii naa yaaduu jalqabdaniif ani Gooftaatti baayʼee nan gammada. Dhugumaanuu carraa ittiin argisiiftan dhabdaniiti malee isin durumaanuu naa yaadaa turtan.
PHI 4:11 Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii.
PHI 4:12 Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera.
PHI 4:13 Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
PHI 4:14 Haa taʼuu malee rakkina koo keessatti hirmaachuun keessan waan gaarii gochuu keessan ture.
PHI 4:15 Kana malees isin warri Fiiliphisiyuus akkuma beektan, jalqabatti yeroo ani wangeela isinitti lallabetti, yeroo ani Maqedooniyaadhaa kaʼetti isin qofa malee waldaan kiristaanaa tokko iyyuu waaʼee kennuu fi fudhachuu keessatti na wajjin hin hirmaanne.
PHI 4:16 Yeroo ani Tasaloniiqee turetti illee yommuu ani rakkadhetti isin yeroo tokkoo ol gargaarsa naaf ergitaniituutii.
PHI 4:17 Kunis akka buʼaan isiniif baayʼatu barbaadeen malee ani kennaa keessan barbaadee miti.
PHI 4:18 Ani kaffaltii guutuu argadhee caalaa iyyuu qabaadheera; kennaa isin ergitanis Ephafroodiixuu harkaa fudhadhee hamma na gaʼu argadheera. Kunis kennaa urgaaʼaa fi qalma fudhatamaa Waaqa gammachiisuu dha.
PHI 4:19 Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.
PHI 4:20 Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinni haa taʼu. Ameen.
PHI 4:21 Kiristoos Yesuusiin qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Obboloonni na wajjin jiranis nagaa isinii dhaamu.
PHI 4:22 Qulqulloonni hundinuu, keessumattuu warri mana Qeesaarii jiraatan nagaa isinii dhaamu.
PHI 4:23 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
COL 1:1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,
COL 1:2 Gara qulqulloota, obboloota Kiristoosiin amanamoo taʼan kanneen Qolosaayis jiraataniitti:
COL 1:3 Nu yommuu isiniif kadhannutti Waaqa, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos yeroo hunda ni galateeffanna;
COL 1:4 amantii isin Kiristoos Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan sana dhageenyeerraatii;
COL 1:5 kunis sababii abdii samii keessatti isinii kuufame sanaatiif; isin waaʼee abdii kanaa duraanuu dubbii dhugaa, wangeela keessatti dhageessaniirtu;
COL 1:6 wangeelli kunis isin bira gaʼeera. Wangeelli kunis gaafa isin isa dhageessanii dhugumaan ayyaana Waaqaa hubattanii jalqabee akkuma isin gidduutti hojjechaa ture sana addunyaa guutuu keessattis ija naqachaa fi guddachaa jira.
COL 1:7 Kanas tajaajilaa jaallatamaa hidhata keenya taʼe Ephaafiraa irraa barattaniirtu; innis Kiristoosiif tajaajilaa amanamaa taʼee iddoo keenya kan buʼee dha;
COL 1:8 inni waaʼee jaalala keessan kan Hafuurri isinii kenne sanaas nutti himeera.
COL 1:9 Sababii kanaaf nu gaafa waaʼee keessan dhageenyee jalqabnee isinii kadhachuu fi akka Waaqni karaa ogummaatii fi hubannaa hafuuraa hundaan beekumsa fedhii isaatiin isin guutu kadhachuu hin dhiifne.
COL 1:10 Kunis akka isin hojii gaarii hundaan ija naqachaa, Waaqa beekuudhaanis guddachaa, jireenya Gooftaaf maluu fi kan karaa hundaan isa gammachiisu jiraattaniif;
COL 1:11 isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas
COL 1:12 Waaqa Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa.
COL 1:13 Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii;
COL 1:14 nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.
COL 1:15 Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa.
COL 1:16 Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman.
COL 1:17 Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.
COL 1:18 Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.
COL 1:19 Waaqni guutummaan isaa hundi isa keessa jiraachuu isaatti gammadeeraatii;
COL 1:20 dhiiga isaa kan fannoo irratti dhangalaʼe sanaanis nagaa buusuudhaan waan lafa irra jiru yookaan waan samii keessa jiru hunda karaa isaatiin ofitti araarseeraatii.
COL 1:21 Isinis dur amala keessan hamaa sanaan Waaqatti orma taatanii yaada keessaniinis diinota turtan.
COL 1:22 Amma garuu qulqulloota mudaa hin qabnee fi warra hirʼina hin qabne godhee fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhagna foon Kiristoosiin, karaa duʼa isaatiin isin araarseera;
COL 1:23 kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii wangeelaa irraa hin sochoone taʼa. Wangeelli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma samii gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis wangeeluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.
COL 1:24 Ani amma isiniif dhiphachuu kootti nan gammada; waan dhiphina Kiristoos dhagna isaatiif jechuunis waldaa kiristaanaatiif jedhee dhiphate sana keessaa hirʼates ani foon kootiin nan guuta.
COL 1:25 Ergama Waaqni natti kenneen ani akka dubbii Waaqaa guutummaatti isinii dhiʼeessuuf tajaajilaa waldaa kiristaanaa taʼeera;
COL 1:26 dubbiin kunis icciitii barootaa fi dhaloota jalaa dhokfamee turee dha; amma garuu qulqulloota isaatti mulʼifameera.
COL 1:27 Waaqni badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Kiristoos, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.
COL 1:28 Nus isuma lallabna; nama hunda kan guutumaan guutuutti Kiristoositti bilchaataa taʼe akka dhiʼeessinuuf, tokkoo tokkoo namaa ogummaa hundaan gorsaa barsiisna.
COL 1:29 Kanaafuu ani akkuma hojii humna isaa kan ciminaan na keessatti hojjetu sanaatti carraaqaa nan dhimma.
COL 2:1 Akka ani isiniif, warra Lodooqiyaa jiranii fi warra fooniin fuula koo hin argin hundaafis jedhee hammam carraaqaa jiru isin akka beektan nan barbaada.
COL 2:2 Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Waaqaa jechuunis Kiristoosin beekaniif;
COL 2:3 badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera.
COL 2:4 Anis akka namni tokko iyyuu afaan tolee isin hin gowwoomsineef waan kana isinittin hima.
COL 2:5 Ani yoon fooniin isin irraa fagaadhe illee hafuuraan isin wajjin waanan jiruuf, isin hammam naamusa qabeeyyii akka taatanii fi amantiin isin Kiristoositti qabdanis hammam cimaa akka taʼe arguu kootiif nan gammada.
COL 2:6 Yoos akkuma Kiristoos Yesuus Goofticha fudhattanitti isatti jiraadhaa;
COL 2:7 akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.
COL 2:8 Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.
COL 2:9 Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii;
COL 2:10 isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.
COL 2:11 Isumaanis foon cubbamaa taʼe sana of irraa gattanii dhagna qabattaniirtu; dhagna qabaan kunis dhagna qabaa harka namaatiin taʼe utuu hin taʼin kan Kiristoosiin taʼee dha;
COL 2:12 isinis cuuphaadhaan isa wajjin awwaalamtanii humna Waaqaa kan Kiristoosin warra duʼan keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin cuuphaadhuma sanaan isa wajjin kaafamtaniirtu.
COL 2:13 Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise;
COL 2:14 innis himata idaa keenya kan seeraa kan nuun mormuu fi nutti muru sana haqee mismaaraan fannootti diree dhabamsiise.
COL 2:15 Innis humnootaa fi taayitaawwan fannoodhaan moʼate hidhannoo hiikkachiisuudhaan ifa baasee uummatatti isaan argisiise.
COL 2:16 Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin.
COL 2:17 Isaan kunneen gaaddidduu waan dhufuuf jiruu ti; dhugaan isaa garuu Kiristoos keessa jira.
COL 2:18 Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula.
COL 2:19 Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.
COL 2:20 Isin erga Kiristoos wajjin qajeelfama hundee kan addunyaa kanaatiif duutanii maaliif akka waan amma iyyuu kan addunyaa taataniitti sirna isaatiif bultu ree?
COL 2:21 Innis, “Harkaan hin qabatin! Hin dhandhamin! Hin tuqin!” jedha.
COL 2:22 Isaanis waan ajajaa fi barsiisa namaa irratti hundeeffamaniif yeroo hojii irra oolanitti baduuf murteeffamaniiru.
COL 2:23 Sirni kunis dhugumaan of dirqisiisuun waaqeffachuu isaanii, gad of qabuu sobaatii fi foon isaanii miidhuu isaaniitiin bifa ogummaa qaba; hawwii foonii dhowwuuf garuu faayidaa tokko illee hin qabu.
COL 3:1 Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa.
COL 3:2 Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.
COL 3:3 Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera.
COL 3:4 Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.
COL 3:5 Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.
COL 3:6 Sababii kanaafis dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufa.
COL 3:7 Isinis jireenya dur jiraattan keessatti karuma akkasii irra deddeebiʼaa turtan.
COL 3:8 Amma garuu waan akkasii hunda: aarii, dheekkamsa, hamminaa fi maqaa nama balleessuu of irraa fageessaa; dubbiin gadheenis afaan keessanii hin baʼin.
COL 3:9 Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii
COL 3:10 eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.
COL 3:11 Sababii kanaaf, nama Giriik yookaan Yihuudii, nama dhagna qabate yookaan kan dhagna hin qabatin, nama wallaalaa, nama jireenya isaa hin qajeelfatin, garba yookaan birmaduu jechuun hin jiru; Kiristoos garuu hunduma; hunduma keessas jira.
COL 3:12 Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.
COL 3:13 Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa.
COL 3:14 Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
COL 3:15 Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
COL 3:16 Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.
COL 3:17 Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
COL 3:18 Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
COL 3:19 Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.
COL 3:20 Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.
COL 3:21 Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.
COL 3:22 Yaa garboota, isinis warra fooniin gooftota keessan taʼaniif waan hundaan ajajamaa; kanas yeroo isaan isin ilaalan qofa isaan gammachiisuuf utuu hin taʼin garaa qulqulluu fi Gooftaa sodaachuudhaan godhaa.
COL 3:23 Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa;
COL 3:24 kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha.
COL 3:25 Namni balleessaa hojjetu kam iyyuu gatii balleessaa isaa ni argataatii; nama wal caalchisuunis hin jiru.
COL 4:1 Yaa gooftota, isinis akka samii irraa Gooftaa qabdan waan beektaniif, garboota keessan qajeelummaa fi wal qixxummaadhaan bulchaa.
COL 4:2 Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan kadhannaatti jabaadhaa.
COL 4:3 Nu icciitii Kiristoos kan ani isaaf jedhee hidhamee jiru sana akka lallabnuuf Waaqni balbala dubbichaa akka nuu banu nuufis kadhadhaa.
COL 4:4 Anis akka narraa eegamutti ibsee akkan lallabuuf naa kadhadhaa.
COL 4:5 Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa.
COL 4:6 Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.
COL 4:7 Xikiqoos oduu waaʼee kootii hunda isinitti ni hima. Inni obboleessa jaallatamaa, tajaajilaa amanamaa fi Gooftaatti garbicha hidhata koo taʼee dha.
COL 4:8 Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni garaa keessan jajjabeessuuf gara keessanitti isa ergeera.
COL 4:9 Innis obboleessa keenya amanamaa fi jaallatamaa isa garee keessan keessaa tokko taʼe Oneesimoos wajjin dhufa. Isaanis waan asitti taʼaa jiru hundumaa isinitti himu.
COL 4:10 Arisxirokoos inni na wajjin hidhamee jiru nagaa isinii dhaama; Maarqos durbiin Barnaabaasis akkanuma nagaa isinii dhaama. Waaʼee isaas ajajni, “Yoo inni gara keessan dhufe isa simadhaa” jedhu isin gaʼeera.
COL 4:11 Yesuus inni Yoosxoos jedhamus akkasuma nagaa isinii dhaama. Warra dhagna qabatan keessaas kanneen na wajjin mootummaa Waaqaatiif hojjetan isaanuma qofa; isaanis jajjabina guddaa naa taʼaniiru.
COL 4:12 Ephaafiraan inni isin keessaa tokko taʼee fi tajaajilaan Kiristoos Yesuus nagaa isinii dhaama. Innis akka isin fedhii Waaqaa hundaan bilchaatoo fi guutuu taatanii jabaattanii dhaabattaniif yeroo hunda kadhannaadhaan isinii dadhabaa jira.
COL 4:13 Ani akka inni isiniif, warra Lodooqiyaa fi magaalaa Heraapoolis jiraniifis hinaaffaa gaarii qabu dhugaa nan baʼaaf.
COL 4:14 Luqaas ogeessi fayyaa michuun keenya jaallatamaanii fi Deemaas nagaa isinii dhaamu.
COL 4:15 Obboloota Lodooqiyaa jiranitti, akkasumas Niimfaa fi waldaa kiristaanaa kan mana ishee jirtutti nagaa naa himaa.
COL 4:16 Erga xalayaan kun isinii dubbifamee booddee waldaa Kiristaanaa Lodooqiyaatti akka dubbifamu godhaa; isinis xalayaa Lodooqiyaadhaa dhufu dubbifadhaa.
COL 4:17 Arkiphaadhaanis, “Hojii Gooftaadhaan sitti kenname sana akka xumurtu mirkaneeffadhu” jedhaa.
COL 4:18 Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa. Hidhamuu koo yaadadhaa. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.
1TH 1:1 Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa,
1TH 1:2 Nu kadhannaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Waaqa ni galateeffanna.
1TH 1:3 Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti qabdan sana Waaqa keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.
1TH 1:4 Yaa obboloota Waaqaan jaallatamtan, nu akka inni isin filate beeknaatii;
1TH 1:5 wangeelli keenya humnaan, Hafuura Qulqulluu fi amansiisa guddaan malee dubbii afaanii qofaan gara keessan hin dhufneetii. Nu isiniif jennee akkamitti akka isin gidduu jiraanne ni beektu.
1TH 1:6 Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.
1TH 1:7 Kanaanis amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa jiran hundaaf fakkeenya taatanii jirtan.
1TH 1:8 Dubbiin Gooftaa isin biraa baʼee Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti hin dhagaʼamne; amantiin isin Waaqatti qabdanis lafa hunda gaʼeera. Kanaafuu waaʼee isaa homaa dubbachuu nu hin barbaachisu;
1TH 1:9 isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Waaqa jiraataa fi Waaqa dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqota tolfamoo irraa gara Waaqaatti deebitanis ni himu;
1TH 1:10 akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Yesuus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka samii irraa eeggattan ni himu.
1TH 2:1 Yaa obboloota, isin bira dhufuun keenya sun akkasumaan akka hin taʼin isinuu ni beektu.
1TH 2:2 Akkuma isin beektan nu kanaan dura Fiiliphisiyuusitti dhiphanneerra; akka malees qaaneffamneerra. Garuu yoo mormiin cimaan nu qunname illee gargaarsa Waaqa keenyaatiin wangeela isaa isinitti himuudhaaf ija jabina arganneerra.
1TH 2:3 Gorsi nu kenninus kan dogoggora yookaan xuraaʼummaa yookaan gowwoomsaa irraa dhufe miti.
1TH 2:4 Qooda kanaa nu akka warra Waaqni wangeela imaanaa itti kennuuf qoratee fudhateetti dubbanna. Yaaliin keenyas Waaqa garaa keenya qoru sana gammachiisuuf malee nama gammachiisuuf miti.
1TH 2:5 Akkuma isin beektanii fi akkuma Waaqnis dhugaa baʼu sana nu dubbii sossobbiitti hin fayyadamne; doqnummaa dhokfachuufis haguuggannee gara keessan hin dhufne.
1TH 2:6 Nu namoota irraa, isin irraas taʼu yookaan warra kaan irraa ulfina hin barbaanne. Nu akka ergamoota Kiristoosiitti baʼaa isinitti taʼuu ni dandeenya ture;
1TH 2:7 nu garuu akkuma haadha daaʼimman ishee kunuunfattu tokkoo taane. Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne.
1TH 2:8 Nu waan akka malee isin jaallanneef wangeela Waaqaa qofa utuu hin taʼin lubbuu keenya illee isinii kennuun fedhii keenya ture; isin nu biratti akka malee jaallatamoo turtaniitii.
1TH 2:9 Yaa obboloota, isin dadhabbii fi dhiphina keenya ni yaadattuutii; nu yeroo wangeela Waaqaa isinii lallabnetti nama tokkotti illee akka baʼaa hin taaneef halkanii guyyaa hojjechaa turre.
1TH 2:10 Nu hammam qulqullummaan, qajeelummaa fi mudaa malee isin warra amantan gidduu akka jiraanne isin dhugaa ni baatu; Waaqnis dhugaa baʼa.
1TH 2:11 Isin akka nu akkuma abbaan ijoollee isaa gorsee jajjabeessutti tokkoo tokkoo keessaniif taane ni beektuutii;
1TH 2:12 kunis akka isin jireenya Waaqa isa mootummaa isaattii fi ulfina isaatti isin waamu sanaaf malu jiraattaniif.
1TH 2:13 Isinis yommuu dubbii Waaqaa kan nurraa dhageessan sana fudhattanitti akkuma inni jirutti, akka dubbii Waaqaa kan isin warra amantan keessatti hojjetuutti fudhattan malee akka dubbii namaatti waan hin fudhatiniif nu utuu gargar hin kutin Waaqa galateeffanna.
1TH 2:14 Yaa obboloota, isin fakkeenya waldoota kiristaanaa Waaqaa warra Kiristoos Yesuusitti jiran kanneen biyya Yihuudaa jiranii duukaa buutaniirtu; akkuma waldoonni kunneen harka Yihuudootaatti dhiphatan sana isinis harka namoota biyya keessaniitti dhiphattaniirtu;
1TH 2:15 Yihuudoonni kunneen warra Gooftaa Yesuusii fi raajota ajjeesanii nu illee ariʼatanii dha. Isaan Waaqa hin gammachiisan; nama hundattis diina taʼu;
1TH 2:16 isaanis cubbuu isaanii guuttachuuf jedhanii akka nu akka Namoonni Ormaa fayyifamaniif itti hin dubbanne nu dhowwu. Dhuma irratti garuu dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufeera.
1TH 2:17 Garuu yaa obboloota, erga yaadaan utuu hin taʼin fooniin yeroo gabaabaaf isin irraa gargar baanee jalqabnee fuula keessan arguuf hawwii guddaan caalchifnee dhamaane.
1TH 2:18 Nu gara keessan dhufuu barbaannee turreetii; dhugumaanuu ani Phaawulos yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaaleera; garuu Seexanatu nu dhowwe.
1TH 2:19 Yommuu Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti fuula isaa duratti abdiin keenya yookaan gammachuun keenya yookaan gonfoon nu ittiin of jajnu eenyu? Isinuma mitii?
1TH 2:20 Isin ulfinaa fi gammachuu keenyaatii.
1TH 3:1 Kanaafuu nu waan hammana caalaa obsuu dadhabneef kophaa keenya Ateenaatti hafuun gaarii nutti fakkaate.
1TH 3:2 Nus obboleessa keenya Xiimotewos, tajaajilaa Waaqaa isa wangeela Kiristoosiitti hojjetaa hidhata keenya taʼe sana, akka inni amantii keessanitti isin cimsuu fi isin jajjabeessuuf ergineerra;
1TH 3:3 kunis akka namni tokko iyyuu dhiphina kanaan hin jeeqamneef. Isinis akka nu waan kanaaf filatamne sirriitti beektu.
1TH 3:4 Yeroo isin bira turretti akka dhiphinni nurra gaʼu isinitti himaa turreetii. Innis akkuma isin beektan sana taʼe.
1TH 3:5 Sababii kanaaf ani yommuun kana caalaa obsuu dadhabetti waaʼee amantii keessanii baruuf jedheen isa erge. Tarii inni nama qoru sun isin qoree dadhabbiin keenyas faayidaa malee hafeera jedheen sodaadhe.
1TH 3:6 Amma garuu Xiimotewos isin biraa gara keenya dhufee waaʼee amantii keessaniitii fi waaʼee jaalala keessanii oduu gaarii nutti himeera. Akkasumas akka isin yeroo hunda yaada gaariidhaan nu yaaddanii fi akkuma nu isin arguu hawwinu sana akka isinis nu arguu hawwitan nutti himeera.
1TH 3:7 Kanaaf yaa obboloota, nu dhiphinaa fi ariʼatama keenya hunda keessatti amantii keessaniin waaʼee keessan jajjabaanneerra.
1TH 3:8 Yoo isin Gooftaatti cimtanii dhaabatan nu dhugumaan ni jiraannaatii.
1TH 3:9 Gammachuu sababii keessaniin fuula Waaqa keenyaa duratti qabnu hundaaf waaʼee keessaniif hammam Waaqa galateeffachuu dandeenya?
1TH 3:10 Nu akka deebinee isin arginuu fi waan amantii keessan keessaa hirʼates akka isinii guutuu dandeenyuuf halkanii guyyaa cimsinee kadhanna.
1TH 3:11 Ammas Waaqni keenyaa fi Abbaan keenya mataan isaa, Gooftaan keenya Yesuusis akka nu gara keessan dhufnu karaa nuuf haa qajeelchu.
1TH 3:12 Akkuma jaalalli nu isinii qabnu dabalaa deemu sana Gooftaan jaalala isin walii keessanii fi nama hundaaf qabdan isinii haa guddisuu; haa baayʼisus.
1TH 3:13 Akka isin yommuu Gooftaan keenya Yesuus qulqulloota isaa hunda wajjin dhufutti fuula Waaqa keenyaatii fi Abbaa keenyaa duratti warra mudaa hin qabnee fi qulqulloota taataniifis inni garaa keessan haa jajjabeessu.
1TH 4:1 Kana malees yaa obboloota, Waaqa gammachiisuuf akkamitti akka jiraachuu qabdan nu isin barsiifneerra; isinis akkuma sanatti jiraachaa jirtu. Ammas akka ittuma caalchiftanii waan kana gootan Gooftaa Yesuusiin isin kadhanna; isin gorsinas.
1TH 4:2 Nu taayitaa Gooftaa Yesuusiin ajaja maalii akka isinii kennine beektuutii.
1TH 4:3 Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif;
1TH 4:4 tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu;
1TH 4:5 kunis akka ormoota Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;
1TH 4:6 waan kanaanis namni tokko iyyuu obboleessa isaa hin miidhin yookaan hin gowwoomsin. Akkuma nu kanaan dura isinitti himnee isin akeekkachiifne sana, Gooftaan warra cubbuu akkasii hojjetan hunda haaloo baʼa.
1TH 4:7 Waaqni akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii.
1TH 4:8 Kanaafuu namni gorsa kana tuffatu Waaqa Hafuura isaa Qulqulluu isinii kennu sana tuffata malee nama hin tuffatu.
1TH 4:9 Egaa waan Waaqni akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu.
1TH 4:10 Dhugumaan isin obboloota guutummaa Maqedooniyaa keessa jiran hunda ni jaallattu. Yaa obboloota, nu garuu akka kana caalaa isaan jaallattan isin gorsina;
1TH 4:11 akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa;
1TH 4:12 kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.
1TH 4:13 Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu.
1TH 4:14 Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna.
1TH 4:15 Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu.
1TH 4:16 Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu.
1TH 4:17 Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
1TH 4:18 Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.
1TH 5:1 Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu;
1TH 5:2 akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii.
1TH 5:3 Utuma namoonni, “Nagaa dha; qabbanas” jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.
1TH 5:4 Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti.
1TH 5:5 Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.
1TH 5:6 Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas.
1TH 5:7 Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu.
1TH 5:8 Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa.
1TH 5:9 Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.
1TH 5:10 Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.
1TH 5:11 Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.
1TH 5:12 Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna.
1TH 5:13 Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa.
1TH 5:14 Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.
1TH 5:15 Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.
1TH 5:16 Yeroo hunda gammadaa;
1TH 5:17 utuu gargar hin kutin kadhadhaa.
1TH 5:18 Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.
1TH 5:19 Hafuura hin dhaamsinaa;
1TH 5:20 raajii hin tuffatinaa;
1TH 5:21 waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa.
1TH 5:22 Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa.
1TH 5:23 Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.
1TH 5:24 Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.
1TH 5:25 Yaa obboloota, nuufis kadhadhaa.
1TH 5:26 Dhungoo qulqulluudhaanis obboloota hunda nagaa gaafadhaa.
1TH 5:27 Ani akka xalayaan kun obboloota hundaaf dubbifamu fuula Gooftaa duratti isin ajaja.
1TH 5:28 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin wajjin haa taʼu.
2TH 1:1 Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa,
2TH 1:2 Ayyaannii fi nagaan Waaqa Abbaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoos irraa isiniif haa taʼu.
2TH 1:3 Yaa obboloota, sababii amantiin keessan baayʼee guddachaa, jaalalli hundi keessan walii keessaniif qabdanis ittuma dabalaa jiruuf nu yeroo hunda waaʼee keessaniif akka malutti Waaqa galateeffachuu qabna.
2TH 1:4 Kanaafuu nu qorumsa isin obsitan sanaaf, ariʼatama hunda keessatti jabaattanii dhaabachuu keessanii fi amantii keessaniin waldoota Kiristaanaa Waaqaa keessatti sababii keessaniin of jajna.
2TH 1:5 Kun hundinuu akka murtiin Waaqaa qajeelaa taʼe mulʼisa; sababii kanaafis isin warra mootummaa isaa kan dhiphachaafii jirtan sanaaf maltan ni taatu.
2TH 1:6 Waaqni qajeelaa dha: Inni warra isin rakkisan ni rakkisa;
2TH 1:7 isin warra rakkattaniif, nuufis boqonnaa ni kenna. Kunis yommuu Gooftaan Yesuus ibidda balaliʼuun ergamoota isaa humna qabeeyyii wajjin samii irraa mulʼatutti taʼa.
2TH 1:8 Inni warra Waaqa hin beeknee fi warra wangeela Gooftaa keenya Yesuusiif hin ajajamne ni adaba.
2TH 1:9 Isaanis fuula Gooftaa duraa fi ulfina humna isaa irraa fageeffamanii badiisa bara baraatiin ni adabamu;
2TH 1:10 kunis guyyaa inni qulqulloota isaatiin kabajamuu fi warra amanan hundumaa gidduutti dinqisiifatamuuf dhufutti taʼa. Isinis waan dhuga baʼumsa keenya amantaniif isaanitti lakkaaʼamtu.
2TH 1:11 Nus waan kana yaadatti qabachaa, akka Waaqni keenya warra waamicha isaatiif malan isin godhuuf, humna isaatiinis kaayyoo keessan gaarii hundaa fi akka hojii amantii keessanii hunda fiixaan isinii baasuuf utuu gargar hin kutin isinii kadhanna.
2TH 1:12 Nus akkuma ayyaana Waaqa keenyaattii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiitti akka maqaan Gooftaa keenya Yesuus isiniin kabajamuu fi akka isinis isaan kabajamtaniif waan kana kadhanna.
2TH 2:1 Yaa obboloota, waaʼee dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi waaʼee isa biratti walitti qabamuu keenyaa wanni nu isin kadhannu kana;
2TH 2:2 kunis raajii yookaan dubbii yookaan xalayaa akka waan nu biraa dhufeetti hedamuun akka isin guyyaan Gooftaa ammuma iyyuu dhufeera jettanii daftanii hin raafamneef yookaan hin jeeqamneef.
2TH 2:3 Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii.
2TH 2:4 Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; “Ani Waaqa” ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa.
2TH 2:5 Isin akka ani yeroo isin bira turetti waan kana isinitti himaa ture hin yaadattanii?
2TH 2:6 Akka inni yeroo murteeffame sanatti mulʼatuufis waan amma isa dhowwu ni beektu.
2TH 2:7 Icciitiin humna fincila sanaa amma iyyuu hojiitti jiraatii; garuu inni amma humna sana duubatti deebisu sun hamma karaa irraa fuudhamutti ittuma fufee isa dhowwa.
2TH 2:8 Inni Hamaan sun ni mulʼata; Yesuus Gooftaan immoo hafuuruma afaan ofii isaatiin isa galaafata; ifa dhufaatii isaatiinis isa barbadeessa.
2TH 2:9 Dhufaatiin namicha isa hamaa sanaa akkuma hojii Seexanaatti humna hundaa fi mallattoon, dinqii sobaatiinis ni taʼa;
2TH 2:10 innis gowwoomsaa gosa hundaa kan warra badan sana ittiin gowwoomsuun mulʼata. Warri badan sunis sababii dhugaa silaa ittiin fayyan sana jaallachuu didaniif badu.
2TH 2:11 Kanaafuu Waaqni akka isaan soba amananiif waan nama wallaalchisu isaanitti erga;
2TH 2:12 kunis akka warra dhugaatti amanuu didanii jalʼinatti gammadan hundatti murtaaʼuuf.
2TH 2:13 Nu garuu yaa obboloota Gooftaan jaallatamtan, sababii Waaqni warra jalqabaa godhee akka isin karaa Hafuuraan qulqulleeffamuutii fi karaa dhugaatti amanuutiin fayyitaniif isin filateef yeroo hunda Waaqa galateeffachuu qabna.
2TH 2:14 Innis akka isin ulfina Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos keessatti hirmaattaniif karaa wangeela keenyaatiin kaayyoo kanaaf isin waame.
2TH 2:15 Egaa yaa obboloota, jabaadhaatii dhaabadhaa; barsiisa nu karaa dubbii afaaniitiin yookaan xalayaan isin barsiifne sana jabeessaatii qabadhaa.
2TH 2:16 Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, Waaqni Abbaan keenya inni nu jaallatee karaa ayyaana isaatiin jajjabina bara baraatii fi abdii gaarii nuu kenne sun,
2TH 2:17 hojii fi dubbii gaarii hunda keessatti garaa keessan haa jajjabeessu; isin haa cimsus.
2TH 3:1 Egaa yaa obboloota, akka dubbiin Gooftaa akkuma isin biratti taʼe sana dafee iddoo hunda gaʼuu fi akka ulfinas qabaatu nuuf kadhadhaa.
2TH 3:2 Akka nu harka namoota hamootii fi jalʼootaa jalaa baanuufis nuuf kadhadhaa; amantii kan qabu nama hunda mitii.
2TH 3:3 Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega.
2TH 3:4 Nu akka isin waan nu isin ajajne sana hojjechaa jirtan, akka ittuma fuftaniis hojjetan Gooftaa ni amananna.
2TH 3:5 Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obsa Kiristoositti haa qajeelchu.
2TH 3:6 Yaa obboloota, isin obboleessa dhibaaʼaa fi kan akka bartee isin nurraa argattan sanaattis hin jiraanne hunda irraa akka fagaattaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin ajajna.
2TH 3:7 Isin mataan keessan akkamitti akka fakkeenya keenya duukaa buʼuu qabdan ni beektuutii. Nu yeroo isin bira turretti dhibaaʼota hin turre;
2TH 3:8 nus akka isin keessaa nama tokkotti illee baʼaa hin taaneef jennee, dadhabbii fi tattaaffii guddaan halkanii guyyaa hojjechaa turre malee buddeena nama tokkoo illee tola hin nyaanne.
2TH 3:9 Nu fakkeenya isinii taʼuuf waan kana goone malee waan aangoo hin qabneef miti.
2TH 3:10 Nu yommuu isin bira turretti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu isinii kenninee turreetii.
2TH 3:11 Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan.
2TH 3:12 Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isaan ajajna; ni gorsinas.
2TH 3:13 Isin garuu yaa obboloota, waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa.
2TH 3:14 Yoo namni kam iyyuu dubbii keenya kan xalayaa kana keessaatiif hin ajajamne, nama kana yaadatti qabadhaa. Akka inni qaanaʼuufis isa wajjin tokkummaa hin qabaatinaa.
2TH 3:15 Taʼus akka obboleessaatti isa gorsaa malee akka diinaatti isa hin ilaalinaa.
2TH 3:16 Gooftaan nagaa mataan isaas yeroo hunda, karaa hundaan nagaa isinii haa kennu. Gooftaan hunduma keessan wajjin haa taʼu.
2TH 3:17 Ani Phaawulos xalayaa kana harkuma kootiin barreessa; kunis mallattoo xalayoota koo hundaa ti. Akki ani itti barreessus kanuma.
2TH 3:18 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.
1TI 1:1 Phaawulos isa ajaja fayyisaa keenya Waaqaatii fi abdii keenya Kiristoos Yesuusiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
1TI 1:2 Gara Xiimotewos isa amantiidhaan ilma koo dhugaa taʼeetti:
1TI 1:3 Akkuma ani yeroo Maqedooniyaa dhaqetti si gorse sana ati akka namoonni tokko tokko barsiisa addaa hin barsiifne akka ajajjuuf achuma Efesoon turi;
1TI 1:4 akkasumas akka isaan oduu hundee hin qabnee fi hidda dhalootaa kan dhuma hin qabne sanaan hin fudhatamne isaan ajaji. Wanni kun hojii Waaqaa kan amantiin taʼu guddisuu irra mormii kakaasaatii.
1TI 1:5 Kaayyoon ajaja kanaas jaalala garaa qulqulluu, qalbii gaarii fi amantii itti fakkeessuu hin qabne keessaa baʼuu dha.
1TI 1:6 Namoonni tokko tokko karaa kana irraa badanii gara dubbii faayidaa hin qabneetti gara galaniiru.
1TI 1:7 Isaanis maal akka jedhan yookaan akka waaʼee maalii cimsanii dubbatan utuu hin hubatin barsiistota seeraa taʼuu barbaadu.
1TI 1:8 Yoo namni sirriitti itti fayyadame seerri gaarii akka taʼe ni beekna.
1TI 1:9 Seerri warra seera cabsanii fi finciltootaaf, warra Waaqa malee jiraatanii fi cubbamootaaf, warra qulqulluu hin taʼinii fi xuraaʼotaaf, warra abbaa isaaniitii fi haadha isaanii ajjeesanii fi warra nama ajjeesaniif malee akka qajeeltotaaf hin tumamin ni beekna;
1TI 1:10 akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna;
1TI 1:11 kunis wangeela ulfina qabeessa kan Waaqa eebbifamaa irraa imaanaa natti kenname sana wajjin walii gala.
1TI 1:12 Waan inni tajaajila isaatiif na filatee akka nama amanamaatti na lakkaaʼeef, ani Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa jabina naa kenne sana nan galateeffadha.
1TI 1:13 Ani kanaan dura nama nama arrabsu, kan nama ariʼatuu fi kan nama miidhu taʼu iyyuu sababii ani wallaalummaa fi amantii dhabuun waan kana hojjedheef araara argadhe.
1TI 1:14 Ayyaanni Gooftaa keenyaas amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin argamu wajjin baayʼinaan narratti dhangalaafame.
1TI 1:15 Dubbiin, “Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara addunyaa dhufe” jedhu sun amanamaa dha; namni hundinuus kana fudhachuu qaba; cubbamoota sana keessaas cubbamaan cubbamoota hunda caalu ana.
1TI 1:16 Taʼus sababuma kanaaf Yesuus Kiristoos akka ani warra jireenya bara baraa argachuuf isatti amananiif fakkeenya taʼuuf ana nama cubbamoota hunda caalaa cubbamaa taʼeen obsa isaa kan dhuma hin qabne sana mulʼisuuf jedhee naa araarame.
1TI 1:17 Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.
1TI 1:18 Yaa ilma koo Xiimotewos, akkuma raajii kanaan dura waaʼee kee dubbatame sanaatti, akka ati lola gaarii loltuuf ani ajaja kana siifin kenna;
1TI 1:19 waan kanas amantii fi qalbii qajeelaa qabaachuudhaan godhi. Namoonni tokko tokko waan kana gochuu didanii amantii isaanii balleessaniiru.
1TI 1:20 Himenewoosii fi Iskindiroos warri ani akka isaan Waaqa arrabsuu dhiisuu barataniif dabarsee Seexanatti kenne sun isaan keessatti argamu.
1TI 2:1 Egaa ani akka waammachuun, kadhannaan, namaaf kadhachuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa;
1TI 2:2 nus akka Waaqa sodaachuu hundumaan, ulfinaanis jireenya nagaatii fi tasgabbiin jiraannuuf moototaa fi warra taayitaa qaban hundumaafis akkasuma haa godhamu.
1TI 2:3 Kunis gaarii dha; fuula Fayyisaa keenya Waaqaa durattis fudhatamaa dha;
1TI 2:4 Waaqni akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada.
1TI 2:5 Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha;
1TI 2:6 Yesuus kunis isa furii taʼee nama hundaaf dabarsee of kennee dha; kunis yeroo isaatti mirkaneeffameera.
1TI 2:7 Sababii kanaaf ani lallabaa fi ergamaa, Namoota Ormaatiif immoo barsiisaa amantii dhugaa taʼee muudameen jira. Ani dhugaa dubbadha; hin sobu.
1TI 2:8 Kanaafuu ani akka dhiironni iddoo hundatti dheekkamsaa fi wal mormii malee harka qulqullaaʼaa ol fudhatanii kadhatan nan barbaada.
1TI 2:9 Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada;
1TI 2:10 isaanis akkuma dubartoota, “Nu Waaqa sodaanna” jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan.
1TI 2:11 Dubartiin waan hundaan ajajamuun calʼistee haa barattu.
1TI 2:12 Ani akka dubartiin calʼistu malee akka barsiiftu yookaan akka dhiira irratti taayitaa qabaattu hin eeyyamu.
1TI 2:13 Sababiin isaas Addaam jalqabatti uumame; Hewaan immoo ergasii uumamte.
1TI 2:14 Addaam hin gowwoomfamne; dubartittiin garuu gowwoomfamtee seera cabsite.
1TI 2:15 Taʼus dubartoonni yoo amantiin, jaalalaa fi qulqullinaan, naamusaan jiraatan ijoollee daʼuudhaan ni fayyu.
1TI 3:1 Jechi, “Eenyu iyyuu yoo Phaaphaasii taʼuu hawwe, hojii gaarii hawwa” jedhu kun amanamaa dha.
1TI 3:2 Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu,
1TI 3:3 kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba.
1TI 3:4 Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba.
1TI 3:5 Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Waaqaa eeguu dandaʼaa?
1TI 3:6 Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii diiyaabiloos keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin.
1TI 3:7 Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo diiyaabiloos keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu.
1TI 3:8 Daaqonoonnis akkasuma namoota kabajaman, warra afaan lama hin dubbanne, warra dhugaatii daadhii wayiniitiin hin fudhatamnee fi warra buʼaa hin malle argachuuf hin tattaaffanne taʼuu qabu.
1TI 3:9 Yaada qulqulluunis icciitii amantii jabeessanii qabachuu qabu.
1TI 3:10 Isaanis duraan dursanii haa qorataman; ergasiis yoo mudaan tokko iyyuu isaan irratti hin argamin daaqonoota taʼanii haa tajaajilan.
1TI 3:11 Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu.
1TI 3:12 Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba.
1TI 3:13 Warri daaqonummaan sirriitti tajaajilan ulfina guddaa, amantii Kiristoos Yesuusitti qabaniin immoo ija jabina guddaa argatu.
1TI 3:14 Ani akkan dafee gara kee dhufu abdadhee qajeelfama kana siif nan barreessa;
1TI 3:15 kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Waaqaa keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Waaqaa kunis waldaa Waaqa jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha.
1TI 3:16 Waaqatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis, Inni fooniin mulʼate; Hafuuraan mirkaneeffame; ergamoota Waaqaatu isa arge; saboota keessatti lallabame; addunyaa irratti itti amaname; ulfinaan ol fudhatame.
1TI 4:1 Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.
1TI 4:2 Barsiisni akkasiis karaa namoota fakkeessuudhaan sobanii warra qalbiin isaanii akka waan gubaan gubameetti hadoodeetiin dhufa.
1TI 4:3 Isaanis fuudhaa fi heeruma dhowwu; nyaata Waaqni akka warri amananii fi warri dhugaa beekan galataan fudhatanii nyaataniif jedhee uume sanas akka namoonni lagatan ajaju.
1TI 4:4 Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru;
1TI 4:5 inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii.
1TI 4:6 Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata.
1TI 4:7 Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi.
1TI 4:8 Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Waaqatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada.
1TI 4:9 Jechi kun amanamaa fi kan guutumaan guutuutti fudhatamuu maluu dha.
1TI 4:10 Sababii abdii keenya Waaqa jiraataa isa Fayyisaa nama hundaa keessumattuu kan warra isatti amananii taʼe sana irra kaaʼanneef nuus kanaaf jennee ni dadhabna; ni tattaaffannas.
1TI 4:11 Wantoota kanneen ajaji; barsiisis.
1TI 4:12 Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin.
1TI 4:13 Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu.
1TI 4:14 Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin.
1TI 4:15 Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni.
1TI 4:16 Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.
1TI 5:1 Nama dulloome tokko akka waan inni abbaa kee taʼeetti gorsi malee hin ifatin. Dargaggootas akka obbolootaatti ilaali;
1TI 5:2 dubartoota dullooman akka haadhotiitti, dubartoota shamarran akka obboleettotaatti qulqullummaa guutuun ilaali.
1TI 5:3 Haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan kabaji.
1TI 5:4 Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Waaqa gammachiisaatii.
1TI 5:5 Haati hiyyeessaa kan dhugumaan rakkattuu taatee kophaa ishee hafte abdii ishee Waaqa irra kaaʼattee halkanii guyyaa kadhannaa fi gargaarsa Waaqaa gaafachuu itti fufti.
1TI 5:6 Haati hiyyeessaa kan jireenya gammachuutti of gattu garuu utuma jirtuu iyyuu duuteerti.
1TI 5:7 Akka namni tokko iyyuu mudaa hin qabaanneef ajaja kana kenni.
1TI 5:8 Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.
1TI 5:9 Haati hiyyeessaa tokko yoo umuriin ishee waggaa jaatamaa ol taʼee akkasumas niitii dhirsa tokkichaa turte taate malee maqaan ishee galmee haadhota hiyyeessaa irratti hin galmeeffamin;
1TI 5:10 akkasumas isheen hojii gaarii hojjechuudhaan jechuunis ijoollee guddisuudhaan, keessummaa simachuudhaan, miilla qulqullootaa dhiquudhaan, warra rakkatan gargaaruudhaan, karaa hundumaanis hojii gaarii hojjechuu keessatti of kennuudhaan kan beekamte taʼuu qabdi.
1TI 5:11 Haadhota hiyyeessaa kanneen shamarran taʼan garuu hin galmeessin. Isaan yommuu hawwiin foonii Kiristoos irraa gargar isaan baasutti deebiʼanii heerumuu barbaaduutii.
1TI 5:12 Kanaanis isaan waan kakuu isaanii kan jalqabaa cabsaniif murtii ofitti fidu.
1TI 5:13 Kana malees manaa gara manaatti labanii dhibaaʼummaa baratu. Dhibaaʼummaa qofa utuu hin taʼin waan dubbachuun isaaniif hin malle dubbachuudhaan nama hamatu; dhimma namaa keessas galu.
1TI 5:14 Kanaafuu haadhonni hiyyeessaa kanneen ijoollummaa qaban akka carraa maqaa nu balleessuu diinaaf hin kennineef ani akka isaan heeruman, akka ijoollee daʼanii fi akka mana isaanii bulfatan nan gorsa.
1TI 5:15 Namoonni tokko tokko Seexana duukaa buʼuuf jedhanii duraanuu karaa irraa goraniiru.
1TI 5:16 Dubartiin amantu kam iyyuu yoo haadhota hiyyeessaa maatii ishee keessaa qabaatte, akka waldaan kiristaanaa haadhota hiyyeessaa kanneen dhugumaan rakkattoota taʼan gargaartuuf isheen isaan haa gargaartuu malee akka waldaa kiristaanaatti baʼaa taʼan hin godhin.
1TI 5:17 Jaarsoliin sirriitti waldaa kiristaanaa bulchan keessumattuu warri hojiin isaanii lallabuu fi barsiisuu taʼe ulfina dachaa argachuu qabu.
1TI 5:18 Katabbiin Qulqulluun, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin;” akkasumas, “Hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni mala” jedhaatii.
1TI 5:19 Yoo dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffame malee himata jaarsa tokko mormuun dhiʼeeffamu kam iyyuu hin fudhatin.
1TI 5:20 Akka warri kaan sodaataniif namoota cubbuu hojjetan fuula namoota hundaa duratti itti dheekkami.
1TI 5:21 Ani akka ati waan tokko iyyuu loogiidhaan hin goonee fi akka wal caalchisuu malee ajajawwan kanneen eegduuf fuula Waaqaatii fi fuula Kiristoos Yesuus duratti, fuula ergamoota filatamanii durattis sin gorsa.
1TI 5:22 Eenyu irra iyyuu harka kaaʼuuf hin ariifatin; cubbuu nama biraa keessatti hin hirmaatin. Qulqullummaadhaanis of eeggadhu.
1TI 5:23 Sababii garaa keetiitii fi dhukkuba ammumaa amma sitti kaʼu sanaatiif daadhii wayinii xinnoo ishee dhugi malee bishaan qofa hin dhugin.
1TI 5:24 Cubbuun namoota tokko tokkoo duraan dursee ifatti mulʼata; isaan dura darbees lafa murtii gaʼa; cubbuun warra kaanii garuu duuba irratti beekama.
1TI 5:25 Hojiin gaariinis akkasuma ifatti mulʼata; kan ifatti hin mulʼannes dhokfamee hafuu hin dandaʼu.
1TI 6:1 Akka maqaan Waaqaatii fi barsiisni keenya hin arrabsamneef warri waanjoo garbummaa jala jiran hundinuu akka ulfinni guutuun gooftota isaaniitiif malutti haa ilaalan.
1TI 6:2 Warri gooftota amanan qabanis sababii isaan obboloota taʼaniif isaan hin tuffatin. Qooda kanaa warri tajaajila isaaniitiin fayyadaman sun waan isaan amantootaa fi jaallatamtoota taʼaniif ittuma cimsanii isaan haa tajaajilan. Atis waan kana barsiisi; gorsis.
1TI 6:3 Eenyu iyyuu yoo barsiisa addaa barsiise, yoo dubbii dhugaa kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi barsiisa nama Waaqaa taʼuuf fayyaduun walii hin galle,
1TI 6:4 inni of tuulummaan guutameera; waan tokko iyyuus hin hubatu. Inni waaʼee jechootaa irratti morkii fi lolaaf fedhii hamaa qaba; kunis hinaaffaa, wal dhabuu, arrabsoo fi shakkii hamaa fida;
1TI 6:5 namoota qalbiin isaanii badee dhugaanis irraa fudhatame kanneen Waaqatti buluu karaa ittiin maallaqni argamu seʼan gidduuttis walitti buʼiisa dhuma hin qabnetu uumama.
1TI 6:6 Waaqatti buluun, “Wanni ani qabu na gaʼa” jechuu of keessaa qabaannaan kun dhugumaan faayidaa guddaa qaba.
1TI 6:7 Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu.
1TI 6:8 Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa.
1TI 6:9 Warri sooromuu barbaadan garuu qorumsaa fi kiyyoo, hawwii gowwummaa fi miidhaa baayʼee fidu kan diigamaa fi badiisatti nama dhidhimsu keessatti kufu.
1TI 6:10 Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru.
1TI 6:11 Ati garuu yaa nama Waaqaa, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Waaqatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi.
1TI 6:12 Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu.
1TI 6:13 Ani fuula Waaqa waan hundaaf jireenya kennuu duratti, fuula Kiristoos Yesuus kan yommuu Phonxoos Phiilaaxoos duratti dhugaa baʼetti akka gaarii beeksise sanaa durattis,
1TI 6:14 akka ati hamma dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti ajaja kana xurii fi mudaa malee eegdus sin gorsa.
1TI 6:15 Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa;
1TI 6:16 kan hin duune isa qofa; innis ifa namni tokko iyyuu itti dhiʼaachuu hin dandeenye keessa jiraata; eenyu iyyuu isa hin argine; isa arguus hin dandaʼu. Ulfinii fi humni bara baraan isaaf haa taʼu. Ameen.
1TI 6:17 Ati akka sooreyyiin addunyaa kanaa of tuuluu yookaan qabeenya badu abdachuu dhiisanii Waaqa akka nu itti gammannuuf jedhee waan hunda baayʼisee nuu kennu sana abdataniif isaan ajaji.
1TI 6:18 Akka isaan waan gaarii hojjetan, akka badhaadhummaan isaanii hojii gaarii taʼu, akka arjooman, akka waan qabanis qooduuf fedhii qabaatan isaan ajaji.
1TI 6:19 Isaanis karaa kanaan jireenya dhugumaan jireenya taʼe qabaachuuf jedhanii badhaadhummaa hundee jabaa taʼu bara dhufuuf jiruuf ofii isaaniitii kuufatu.
1TI 6:20 Yaa Xiimotewos, waan imaanaa sitti kenname jabeessii eegi. Oduu Waaqni hin jaallannee fi yaada mormii kan sobaan “Beekumsa” jedhamu irraa fagaadhu;
1TI 6:21 namoonni tokko tokko, “Nu beekumsa akkasii qabna” jechuun amantii irraa badaniiruutii. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.
2TI 1:1 Phaawulos isa akkuma waadaa jireenya karaa Kiristoos Yesuusiin galame sanaatti fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa,
2TI 1:2 Gara Xiimotewos, ilma koo jaallatamaatti:
2TI 1:3 Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa kadhannaa koo keessatti si yaadadhutti Waaqa akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha.
2TI 1:4 Ani yommuun imimmaan kee yaadadhutti akka gammachuudhaan guutamuuf guddisee si arguu nan hawwa.
2TI 1:5 Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana.
2TI 1:6 Sababii kanaaf ani akka ati kennaa Waaqaa kan yeroo ani harka koo sirra kaaʼetti siif kenname sana akka ibiddaatti akka qabsiiftuuf sin yaadachiisa.
2TI 1:7 Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
2TI 1:8 Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Wangeelaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Waaqaatiin na wajjin hirmaadhu;
2TI 1:9 Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname;
2TI 1:10 amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
2TI 1:11 Anis wangeela kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera.
2TI 1:12 Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.
2TI 1:13 Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin qabdu jabeessii qabadhu.
2TI 1:14 Waan gaarii imaanaa sitti kenname sana gargaarsa Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu sanaatiin eegi.
2TI 1:15 Namoonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu akka narraa gara galan ni beekta; Fiigeloosii fi Hermoogenees isaan keessa jiru.
2TI 1:16 Oneesifooros yeroo baayʼee waan na boqochiiseef Gooftaan warra mana isaa jiraataniif araara haa buusu; inni hidhamuu kootti illee hin qaanofneetii.
2TI 1:17 Akkasumas inni yeroo Roomaa dhufetti hamma na argutti dhimmee na barbaadaa ture.
2TI 1:18 Akka inni guyyaa sanatti Gooftaa irraa araara argatuuf fedhii Gooftaa haa taʼu! Inni Efesoon keessatti karaa baayʼeen akka na tajaajile ati iyyuu sirriitti beekta.
2TI 2:1 Kanaafuu yaa ilma ko, ayyaana Kiristoos Yesuusiin jabaadhu.
2TI 2:2 Waan fuula dhuga baatota baayʼee duratti narraa dhageesse sana namoota amanamoo kanneen warra kaan barsiisuu dandaʼanitti imaanaa kenni.
2TI 2:3 Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu.
2TI 2:4 Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee dhimma jireenyaatiin of hin xaxu.
2TI 2:5 Akkasumas dorgomaan tokko yoo akka malutti dorgome malee gonfoo hin argatu.
2TI 2:6 Qonnaan bulaan jabaatee hojjetus ija qooddachuutti nama jalqabaa taʼuu qaba.
2TI 2:7 Waan ani sitti himu kana qalbeeffadhu; Gooftaan waan hunda keessatti hubannaa siif kennaatii.
2TI 2:8 Yesuus Kiristoos isa warra duʼan keessaa kaafame, isa sanyii Daawit irraa dhalate yaadadhu. Kun wangeela koo
2TI 2:9 kan ani isaaf jedhee akka nama yakka hojjete tokkootti hamma foncaan hidhamuutti dhiphachaafii jiruu dha. Dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.
2TI 2:10 Kanaafuu akka warri filataman fayyina Kiristoos Yesuusiin taʼe sana ulfina bara baraa wajjin argataniif ani isaaniif jedhee waan hundumaa nan obsa.
2TI 2:11 Dubbichi amanamaan akkana jedha: Nu isa wajjin yoo duune, isa wajjin ni jiraanna;
2TI 2:12 nu yoo obsine, isa wajjin ni moona. Nu yoo isa ganne, innis nu gana.
2TI 2:13 Nu yoo amanamoo taʼuu baanne, inni amanamaa taʼee jiraata; inni of ganuu hin dandaʼuutii.
2TI 2:14 Wantoota kanneen isaan yaadachiisi; waaʼee jechootaatiinis akka wal hin lolleef fuula Waaqaa duratti isaan akeekkachiisi; wanni akkasii warra dhagaʼan ni diiga malee waa tokko illee hin fayyaduutii.
2TI 2:15 Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.
2TI 2:16 Garuu dubbii faayidaa hin qabne irraa fagaadhu; dubbiin akkasii ittuma caalchisee nama Waaqaa taʼuu irraa nama fageessaatii.
2TI 2:17 Barsiisni isaaniis akka dhukkuba gaangiriinii babalʼachaa deema. Himenewoosii fi Filexoosis isaan keessatti argamu;
2TI 2:18 isaanis duʼaa kaʼuun taʼee darbeera jechuudhaan dhugaa irraa fagaataniiru. Amantii namoota tokko tokkoos ni balleessu.
2TI 2:19 Garuu hundeen Waaqaa hin sochoofamne kan chaappaa, “Gooftaan warra kan isaa taʼan ni beeka,” akkanumas “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundi hammina irraa haa deebiʼu” jedhuun chaappeffame jabaatee dhaabateera.
2TI 2:20 Mana guddaa tokko keessa miʼa warqeetii fi meetii qofa utuu hin taʼin, miʼi mukaatii fi suphees jira; kana keessaas tokko tokko ulfinaaf, kaan immoo salphinaaf oola.
2TI 2:21 Namni tokko yoo salphina kana irraa of qulqulleesse, inni miʼa ulfinaa kan qulqulleeffame, kan Gooftaa isaa fayyaduu fi kan hojii gaarii kam iyyuu hojjechuuf qopheeffame taʼa.
2TI 2:22 Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.
2TI 2:23 Falmii faayidaa hin qabnee fi gowwummaa keessa hin seenin; kun akka lola fidu atuu ni beektaatii.
2TI 2:24 Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu.
2TI 2:25 Innis akka Waaqni qalbii jijjiirrannaa gara dhugaa beekuutti isaan geessu isaaniif kennu abdachaa warra isaan morman garraamummaan sirreessuu qaba;
2TI 2:26 akkasiinis isaan qalbii horatanii kiyyoo diiyaabiloos kan akka isaan fedhii isaa guutaniif isaan boojiʼe sana jalaa baʼu.
2TI 3:1 Garuu guyyoota dhumaa keessa yeroon rakkinaa akka dhufu hubadhu.
2TI 3:2 Namoonni of jaallattoota, jaallattoota maallaqaa, of jajjoota, of tuultota, warra Waaqa arrabsan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamne, warra hin galateeffanne, warra qulqullummaa hin qabne,
2TI 3:3 warra jaalala hin qabne, warra dhiifama hin goone, warra maqaa nama balleessan, warra of hin qabne, gara jabeeyyii, warra waan gaarii hin jaallanne,
2TI 3:4 gantoota, warra akka malee jarjaran, warra of bokoksan, warra Waaqa jaallachuu irra waan isaan gammachiisu jaallatan ni taʼu;
2TI 3:5 warra Waaqaaf bulan ni fakkaatu; garuu humna isaa ni ganu. Ati warra akkasii irraa fagaadhu.
2TI 3:6 Isaan warra manneen seenuudhaan dubartoota dadhaboo warra cubbuun isaan irra tuulamee fi warra hawwii gosa hundaatiin asii fi achi raafaman boojiʼanii dha;
2TI 3:7 dubartoonni kunneen yeroo hunda ni baratu; garuu gonkumaa dhugaa beekuutti dhufuu hin dandaʼan.
2TI 3:8 Akkuma Yaaneesii fi Yaambirees Museen morman sana namoonni qalbiin isaanii badee waaʼee amantiitti fudhatama dhaban kunneenis dhugaadhaan ni mormu.
2TI 3:9 Taʼus gowwummaan isaanii waan akkuma namoota sanaa nama hunda biratti ifatti baʼuuf isaan fagoo hin deeman.
2TI 3:10 Ati garuu barsiisa ko, haala jireenya koo, kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo, jabaadhee dhaabachuu koo hundumaa duukaa buuteerta;
2TI 3:11 ariʼatamuu koo, rakkina kootii fi waan Anxookiiyaatti, Iqooniyoonii fi Lisxiraanitti narra gaʼe, ariʼatama garaa garaa kan ani obsaan keessa darbes duukaa buuteerta. Gooftaan garuu waan kana hunda jalaa na baase.
2TI 3:12 Dhugumaanuu namni Kiristoos Yesuusiin nama Waaqaa taʼee jiraachuu barbaadu kam iyyuu ni ariʼatama;
2TI 3:13 namoonni hamoonii fi gowwoomsitoonni garuu nama gowwoomsaa, of illee gowwoomfamaa hamminaan ittuma caalaa deemu.
2TI 3:14 Ati garuu waan barattee fi waan hubatte sanatti jabaadhu; eenyu irraa akka baratte beektaatii;
2TI 3:15 akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta.
2TI 3:16 Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu;
2TI 3:17 kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
2TI 4:1 Ani fuula Waaqaa duratti, fuula Kiristoos Yesuus isa warra jiraatanii fi warra duʼanitti muruuf jiruu durattis mulʼachuu isaatii fi mootummaa isaatiin sin gorsa.
2TI 4:2 Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis.
2TI 4:3 Yeroon itti namoonni barsiisa dhugaa dhagaʼuuf obsa hin qabaanne ni dhufaatii. Qooda kanaa akka waan gurri isaanii inni hooqsisu sun dhagaʼuu barbaadu itti himaniif hawwii isaanii guutachuuf barsiistota baayʼee ofii isaaniitiif walitti qabatu.
2TI 4:4 Gurra isaaniis dhugaa dhagaʼuu irraa garagalchanii gara oduu hundee hin qabneetti deebisu.
2TI 4:5 Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi.
2TI 4:6 Ani ammuma iyyuu akka dhibaayyuutti dhangalaafamuuf qophaaʼeera; yeroon deemsa koos gaʼeera.
2TI 4:7 Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera.
2TI 4:8 Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.
2TI 4:9 Dafii gara koo kottu;
2TI 4:10 Deemaas addunyaa kana jaallatee na dhiisee gara Tasaloniiqee deemeeraatii. Qeerqis gara Galaatiyaa, Tiitoon immoo gara Dilmaaxiyaa deemaniiru.
2TI 4:11 Luqaas qofatu na bira jira. Maarqos waan tajaajila koo keessatti na gargaaruuf isa of duukaa fidii kottu.
2TI 4:12 Ani Xikiqoosin Efesoonitti ergeera.
2TI 4:13 Ati yommuu dhuftutti waaroo ani Xirooʼaasitti Kaariphoos biratti dhiisee fi kitaabota maramoo, keessumattuu kitaabota gogaa duugamaa sana naa fidi.
2TI 4:14 Iskindiroos tumtuun naasii sun akka malee natti hammaate. Gooftaan akka hojii isaatti ni deebisaaf.
2TI 4:15 Namichi kun waan akka malee ergaa keenya mormeef atis isa irraa of eeggachuu qabda.
2TI 4:16 Yeroo ani falmata koo kan jalqabaa dhiʼeeffadhetti hundi isaanii iyyuu na dhiisanii deeman malee namni tokko iyyuu na hin gargaarre. Anis akka wanni kun isaanitti hin lakkaaʼamneef Waaqa nan kadhadha.
2TI 4:17 Garuu akka karaa kootiin ergaan guutummaatti lallabamuu fi akka Namoonni Ormaa hundi dhagaʼaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jajjabeesse. Anis afaan leencaa jalaa nan baafame.
2TI 4:18 Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
2TI 4:19 Phirisqilaa fi Aqiilaatti, warra mana Oneesifooros jiraatanittis nagaa naa himi.
2TI 4:20 Erisxoos Qorontositti hafe; Xiroofiimoos immoo dhukkubsannaan ani Miilexoositti isa dhiise.
2TI 4:21 Gannaan dura dafii kottu. Ewugiloos nagaa siif dhaama; Phuudeniis, Liinoos, Qilaawudiyaa fi obboloonni hundinuus akkasuma nagaa siif dhaamu.
2TI 4:22 Gooftaan hafuura kee wajjin haa taʼu. Ayyaanni si wajjin haa taʼu.
TIT 1:1 Phaawulos isa amantii filatamtoota Waaqaatii fi dhugaa beekuu gara Waaqaaf buluutti nama geessuuf garbicha Waaqaatii fi ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa;
TIT 1:2 kunis abdii jireenya bara baraa isa Waaqni hin sobne sun jalqaba addunyaatiin dura waadaa gale irratti kan hundeeffamee dha;
TIT 1:3 innis yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti karaa lallaba isa ajaja Fayyisaa keenya Waaqaatiin imaanaa natti kennameetiin dubbii isaa ifatti baaseera,
TIT 1:4 Gara Tiitoo isa amantii walii wajjin qabnuun ilma koo dhugaa taʼeetti:
TIT 1:5 Sababiin ani Qareexitti si hambiseef akka ati waan utuu hin xumuramin hafe toora qabsiiftuu fi akkuma ani si ajajettis magaalaawwan hunda keessatti jaarsolii muudduuf ture.
TIT 1:6 Jaarsi tokko kan mudaa hin qabne, dhirsa niitii tokkittii, kan ijoolleen isaa amananii jireenya gad dhiisiitii fi ajajamuu diduun maqaan isaanii hin badin taʼuu qaba.
TIT 1:7 Phaaphaasiin tokko sababii hojiin Waaqaa imaanaa isatti kennameef inni nama mudaa hin qabne taʼuu qaba malee kan of tuulu, kan dafee aaru, kan machaaʼu, kan lola jaallatuu fi kan karaa hin malleen buʼaa argachuuf tattaaffatu taʼuu hin qabu.
TIT 1:8 Qooda kanaa inni nama keessumaa simatu, nama waan gaarii jaallatu, kan of qabu, qajeelaa, qulqulluu fi nama naamusa qabu taʼuu qaba.
TIT 1:9 Inni akka barsiisa dhugaatiin warra kaan gorsuu, warra barsiisa sanaan morman immoo akka dogoggora isaanii itti himee amansiisuu dandaʼuuf akkuma barsiifametti dubbii amanamaa sana jabeessee qabachuu qaba.
TIT 1:10 Finciltoonni baayʼeen, warri dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi gowwoomsitoonni keessumattuu miseensonni garee warra dhagna qabatanii hedduutu jiraatii.
TIT 1:11 Isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii waan barsiisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan waan maatii guutuu diiganiif afaan qabachiifamuu qabu.
TIT 1:12 Raajota isaanii keessaa tokko, “Warri Qareexi yeroo hunda sobdoota; bineensota hamoo dha; albaadheyyii dhibaaʼoo dha” jedheera.
TIT 1:13 Dhuga baʼumsi kun dhugaa dha. Kanaafuu akka isaan amantii dhugaa qabaataniif jabeessii isaan ifadhu.
TIT 1:14 Akka isaan mammaaksa Yihuudootaa kan hundee hin qabne yookaan ajaja warra dhugaadhaan mormanii duukaa hin buuneefis jabeessii isaan ifadhu.
TIT 1:15 Warra qulqullaaʼoof wanni hundinuu qulqulluu dha; warra xuraaʼoo fi warra hin amanneef garuu wanni tokko iyyuu qulqulluu miti. Dhugumaanuu yaadni isaaniitii fi qalbiin isaanii xuraaʼeera.
TIT 1:16 Isaan nu Waaqa beekna jedhu; hojii isaaniitiin garuu isa ganu. Isaan jibbamoo dha; warra hin ajajamnee fi warra waan gaarii tokko iyyuu hojjechuuf gaʼumsa hin qabnee dha.
TIT 2:1 Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi.
TIT 2:2 Jaarsoliin akka amala qabeeyyii, kabajamoo fi warra of qaban taʼaniif, akkasumas akka warra amantii dhugaa, jaalalaa fi obsa qabaatan barsiisi.
TIT 2:3 Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi.
TIT 2:4 Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu;
TIT 2:5 akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.
TIT 2:6 Akkasumas dargaggoonni akka of qabaniif gorsi.
TIT 2:7 Waan hunda keessatti waan gaarii hojjechuun fakkeenya isaaniif taʼi. Barsiisa kee keessatti amanamaa, kabajamaa fi nama akka salphaatti hin ilaalamne taʼi;
TIT 2:8 akka warri siin morman waaʼee keenya waan hamaa dubbatan tokko illee dhabanii qaanaʼaniifis dubbii dhugaa kan tuffatamuu hin dandeenye dubbadhu.
TIT 2:9 Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi;
TIT 2:10 akka isaan gooftota isaanii jalaa hin hanne, garuu akka barsiisni Fayyisaa keenya Waaqaa karaa hundumaan hawwataa taʼu gochuuf akka isaan amanamummaa guutuu argisiisan barsiisi.
TIT 2:11 Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii.
TIT 2:12 Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa;
TIT 2:13 kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Waaqa keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirrutti taʼa;
TIT 2:14 innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.
TIT 2:15 Egaa wantoonni ati barsiisuu qabdu kanneenii dha. Taayitaa guutuun jajjabeessi; ifadhus. Namni tokko iyyuu si hin tuffatin.
TIT 3:1 Ati akka namoonni bulchitootaa fi abbootii taayitaatiif bulan, akka ajajamanii fi akka waan gaarii kam iyyuu hojjechuuf qophaaʼoo taʼan yaadachiisi;
TIT 3:2 akka isaan maqaa nama tokko illee hin balleessine, akka namoota nagaatii fi obsa qabeeyyii taʼan, akka nama hundaaf garraamummaa argisiisanis yaadachiisi.
TIT 3:3 Nu mataan keenyas duraan warra gowwoota, warra hin ajajamne, warra gowwoomfamnee fi warra dharraa hamaa fi gammachuu gosa hundaatiif garboomfamne turre. Namootaan jibbamaa fi walis jibbaa, hamminaa fi hinaaffaan jiraachaa turre.
TIT 3:4 Yommuu gaarummaa fi jaalalli Fayyisaa keenya Waaqaa mulʼatetti garuu,
TIT 3:5 inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;
TIT 3:6 hafuurri kunis isa Waaqni karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin arjummaadhaan nurratti dhangalaase sana;
TIT 3:7 kunis akka nu ayyaana isaatiin qajeeltota taasifamnee abdii jireenya bara baraa qabaachuun dhaaltota taanuuf.
TIT 3:8 Jechi kunis amanamaa dha. Warri Waaqa amanatan akka waan gaarii hojjechuuf of eeggannaan of kennan, akka ati cimsitee waan kana dubbattu nan barbaada. Kunis waan akka malee gaarii fi waan nama hundumaa fayyaduu dha.
TIT 3:9 Ati garuu falmii faayidaa hin qabnee fi hidda dhalootaa lakkaaʼuu irraa, waaʼee seeraa irratti wal mormuu fi wal loluu irraa fagaadhu; kun waan buʼaa hin qabnee fi waan hin fayyadnee dhaatii.
TIT 3:10 Nama gargar baʼuu fidu tokko yeroo tokko akeekkachiisi; yeroo lammaffaas akeekkachiisi. Ergasii immoo isa irraa fagaadhu.
TIT 3:11 Namni akkasii akka micciiramaa fi cubbamaa taʼe atuu beekta; inni nama ofuma isaatti muruu dha.
TIT 3:12 Ani waanan yeroo gannaa Niqoophiliyoonitti dabarsuuf murteesseef akkuma ani Arxemaas yookaan Xikiqoosin sitti ergeen dafii kottu.
TIT 3:13 Zenaas abukaattichaa fi Apholoosin imala isaanii irratti gargaaruuf waan dandeessu hunda godhi; waan isaan barbaachisu hunda qabaachuu isaanii illee mirkaneessi.
TIT 3:14 Namoonni keenya akka waan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu hojjetanii argatanii fi akka jireenya buʼaa hin qabne hin jiraanneefis waan gaarii hojjechuuf of kennuu barachuu qabu.
TIT 3:15 Warri na wajjin jiran hundinuu nagaa siif dhaamu. Warra amantiin nu jaallatanitti nagaa nuuf himi. Ayyaanni hunda keessan wajjin haa taʼu.
PHM 1:1 Phaawulos isa Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,
PHM 1:2 akkanumas gara obboleettii keenya Aphifiyaatti, gara Arkiphaa isa nu wajjin loltuu taʼeetti, gara waldaa kiristaanaa ishee mana keetti walitti qabamtuuttis:
PHM 1:3 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
PHM 1:4 Ani yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha;
PHM 1:5 ani waaʼee amantii kee kan ati Gooftaa Yesuusitti qabduu fi waaʼee jaalala kee kan ati qulqulloota isaa hundaaf qabduu nan dhagaʼaatii.
PHM 1:6 Ani akka ati waaʼee waan gaarii nu Kiristoosiin qabnu hundumaa hubannaa guutuu qabaattee amantii kee namaan gaʼuuf jabaattu nan kadhadha.
PHM 1:7 Yaa obboleessa, waan ati garaa qulqullootaa qabbaneessiteef jaalalli kee gammachuu fi jajjabina guddaa naa kenneera.
PHM 1:8 Kanaafuu ani akka ati waan hojjechuu qabdu hojjetu si ajajuuf yoo Kiristoosiin ija jabina qabaadhe illee,
PHM 1:9 sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Kiristoos Yesuusiif kanan hidhame,
PHM 1:10 ilma koo Oneesimoos isa ani hidhamuu kootiin dhalche sanaaf sin kadhadha.
PHM 1:11 Inni kanaan dura nama homaa si hin fayyadne ture; amma garuu siifis anaafis nama faayidaa qabu taʼeera.
PHM 1:12 Ani isa, nama akka garaa kootii sana deebisee gara keetti nan erga.
PHM 1:13 Ani yeroon wangeelaaf hidhametti inni iddoo kee buʼee akka na tajaajiluuf of biratti isa hambifachuu barbaadeen ture.
PHM 1:14 Ani garuu gaarummaan kee utuu dirqamaan hin taʼin fedhiidhaan akka taʼuuf waanuma tokko illee eeyyama kee malee gochuu hin barbaanne.
PHM 1:15 Tarii inni yeroo gabaabaaf siin gargar baʼuun isaa akka ati deebiftee isa simattee hamma dhumaatti of bira tursituuf taʼa;
PHM 1:16 atis siʼachi akka garbichaatti utuu hin taʼin, akka obboleessa jaallatamaa garbicha caalu tokkootti isa simadhu. Inni keessumattuu erga anaaf akkas jaallatamaa taʼe siif immoo fooniinis Gooftaadhaanis hammam caalaa jaallatamaa haa taʼu ree?
PHM 1:17 Egaa ati yoo akka michuu keetiitti na ilaalte akkuma na simatutti isas simadhu.
PHM 1:18 Yoo inni waanuma tokkoon illee si yakkee jiraate yookaan ati yoo waanuma tokko illee isa irraa qabaatte natti lakkaaʼi.
PHM 1:19 Ani Phaawulos siifan kaffala jedhee harkuma kootiin barreesseera. Akka ati mataan kee iyyuu kan koo taate ani homaa sitti hin himu.
PHM 1:20 Egaa yaa obboleessa, ani Gooftaadhaan faayidaa kana sirraa argachuu nan barbaada; Kiristoositti garaa koo naa qabbaneessi.
PHM 1:21 Akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekuudhaan ajajamuu kee amanadhee siifan barreessa.
PHM 1:22 Kana malees ani kadhannaa keessaniin akkan isiniif kennamu waanan abdadhuuf mana boqonnaa naa qopheessi.
PHM 1:23 Ephaafiraan inni Kiristoos Yesuusiif jedhee na wajjin hidhame nagaa siif dhaama.
PHM 1:24 Akkasumas warri na wajjin hojjetan Maarqos, Arisxirokoos, Deemaasii fi Luqaas nagaa siif dhaamu.
PHM 1:25 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu.
HEB 1:1 Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture;
HEB 1:2 bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume.
HEB 1:3 Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
HEB 1:4 Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.
HEB 1:5 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” Yookaan isa kamiin, “Ani isaaf Abbaa nan taʼa; innis Ilma naa taʼa” jedhee beeka?
HEB 1:6 Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti, “Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan” jedha.
HEB 1:7 Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus, “Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha” jedha.
HEB 1:8 Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha; “Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
HEB 1:9 Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite; kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee, hiriyoota kee si caalchise.”
HEB 1:10 Akkasumas inni akkana jedha; “Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
HEB 1:11 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;
HEB 1:12 ati akkuma wayyaatti isaan marta; isaan akkuma uffataatti geeddaramu; ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”
HEB 1:13 Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, gara mirga koo taaʼi” jedhe?
HEB 1:14 Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?
HEB 2:1 Kanaafuu nu akka waan dhageenye irraa hin jalʼanneef waan sana irratti xiyyeeffannoo guddaa gochuu qabna.
HEB 2:2 Sababiin isaas erga dubbiin ergamootaan dubbatame sun eegamuu qabaatee, seera cabsuu fi ajajamuu diduun hundis erga adabbii malu argatanii,
HEB 2:3 yoos nu yoo fayyina guddaa akkanaa tuffanne, akkamitti adabbii kana jalaa baana ree? Fayyinni jalqabatti Gooftaadhaan labsame kun warra dhagaʼaniin nuuf mirkaneeffame.
HEB 2:4 Waaqni mallattoon, raajii fi hojii dinqii adda addaatiin akkasumas kennaawwan Hafuura Qulqulluu kanneen akka fedhii isaatti kennamaniin dhugaa baʼeera.
HEB 2:5 Inni addunyaa dhufuuf jiru, kan nu waaʼee isaa dubbannu sana ergamoota jala hin galchine.
HEB 2:6 Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera; “Akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
HEB 2:7 Ati xinnoo ishee ergamootaa gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite; hojii harka keetii irrattis isa muudde.
HEB 2:8 Waan hundas miilla isaa jala galchite.” Inni yommuu waan hunda isa jala galchetti wanni inni utuu isa jala hin galchin hambise tokko iyyuu hin jiru. Taʼus yeroo ammaa wanni hundinuu isa jala galee hin arginu.
HEB 2:9 Garuu Yesuus inni ayyaana Waaqaatiin nama hundaaf duʼa dhandhamuuf jedhee xinnoo ishee ergamootaa gad taʼee ture sun dhiphina duʼaa waan dhiphateef amma ulfinaa fi kabajaan gonfamee argina.
HEB 2:10 Waaqni wanni hundi isaaf jiraatuu fi isaan jiraatu sun ilmaan baayʼee gara ulfinaatti geessuuf jedhee mataa fayyina isaanii dhiphina kan hirʼina hin qabne gochuun isaaf ni mala ture.
HEB 2:11 Inni namoota qulqulleessuu fi kanneen qulqulleeffaman hundi kanuma abbaa tokkoo ti. Kanaafuu Yesuus obboloota jedhee isaan waamuu hin qaanaʼu.
HEB 2:12 Inni, “Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa kiristaanaa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha” jedha.
HEB 2:13 Akkasumas, “Ani isa nan amanadha” jedha. Ammas inni, “Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti” jedha.
HEB 2:14 Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate;
HEB 2:15 innis warra bara jireenya isaanii hunda garbummaa sodaa duʼaatiin hidhamanii turan bilisa baasuuf jedhee waan kana godhe.
HEB 2:16 Inni dhugumaanuu sanyii Abrahaam gargaaruuf malee ergamoota Waaqaa gargaaruuf miti.
HEB 2:17 Kanaafuu inni Waaqa tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture.
HEB 2:18 Inni mataan isaa waan dhiphina keessatti qorameef warra qoramaa jiran gargaaruu ni dandaʼa.
HEB 3:1 Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa.
HEB 3:2 Akkuma Museen mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture.
HEB 3:3 Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Musee caalaa kabaja guddaa qaba.
HEB 3:4 Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa.
HEB 3:5 Museen waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture.
HEB 3:6 Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.
HEB 3:7 Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
HEB 3:8 akka yeroo qorumsaa gammoojjii keessatti finciluun gootan sana, mataa hin jabaatinaa;
HEB 3:9 abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan; waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan.
HEB 3:10 Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree, ‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru; isaan karaa koo hin beekne’ jedhe.
HEB 3:11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.”
HEB 3:12 Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.
HEB 3:13 Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa.
HEB 3:14 Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii.
HEB 3:15 Kunis akkuma, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, akka yeroo fincilaa sana, mataa hin jabaatinaa” jedhamee barreeffamee dha.
HEB 3:16 Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Museen qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii?
HEB 3:17 Waaqni waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii?
HEB 3:18 Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree?
HEB 3:19 Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.
HEB 4:1 Kanaaf waadaan boqonnaa isaatti galuu sun amma iyyuu waan jiruuf isin keessaa namni kam iyyuu utuu boqonnaa sanatti hin galin akka hin hafne of haa eeggannu.
HEB 4:2 Wangeelli isaanitti lallabame nuttis lallabameeraatii; garuu dubbiin lallabame sun waan amantii isaaniitiin wal hin fudhanneef warra dhagaʼan sanaaf faayidaa tokko illee hin kennine.
HEB 4:3 Nu warri amanne boqonnaa sanatti ni galla; kunis akkuma inni, “Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe” jedhu sanaa dha. Taʼus hojiin isaa uumama addunyaatii jalqabee xumurameera.
HEB 4:4 Innis iddoo tokkotti waaʼee guyyaa torbaffaa; “Waaqni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote” jedhee dubbate.
HEB 4:5 Ammas inni iddoodhuma kanatti, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedha.
HEB 4:6 Amma iyyuu akka namoonni tokko tokko itti galaniif iddoon boqonnaa sun hambifameera; warri duraan wangeelli itti lallabame sun immoo sababii ajajamuu didaniif boqonnaa sanatti hin galle.
HEB 4:7 Kanaafuu Waaqni deebisee guyyaa tokko “Harʼa” jedhee waamuudhaan murteesse. Innis akkuma kanaan dura dubbatame sana bara dheeraa booddee karaa Daawitiitiin, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, mataa hin jabaatinaa” jedha.
HEB 4:8 Utuu Iyyaasuun boqonnaa sanatti isaan galchee jiraatee, silaa Waaqni ergasii waaʼee guyyaa biraa hin dubbatu tureetii.
HEB 4:9 Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Waaqaatiif kaaʼameera;
HEB 4:10 namni boqonnaa Waaqaatti galu kam iyyuu akkuma Waaqni hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota.
HEB 4:11 Kanaafuu akka namni tokko illee fakkeenya ajajamuu diduu jara sanaa duukaa buʼee boqonnaa sanatti galuu hin dhabneef kottaa boqonnaa sanatti galuuf ni tattaaffannaa.
HEB 4:12 Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
HEB 4:13 Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.
HEB 4:14 Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa.
HEB 4:15 Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.
HEB 4:16 Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.
HEB 5:1 Tokkoon tokkoon luba ol aanaa namoota gidduudhaa filatamee waan Waaqa ilaallatu irratti namoota iddoo buʼee sababii cubbuutiif kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama.
HEB 5:2 Inni mataan isaa iyyuu waan dadhabbii keessa jiruuf wallaaltotaa fi warra karaa irraa jallataniif garaa laafuu ni dandaʼa.
HEB 5:3 Sababii kanaaf inni cubbuu ofii isaatiif, akkasumas cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuu qaba.
HEB 5:4 Nama akkuma Aroonitti Waaqaan waamame malee, namni kam iyyuu ulfina kana ofii isaatiif hin fudhatu.
HEB 5:5 Kiristoosis akkasuma luba ol aanaa taʼuuf of hin ulfeessine. Waaqni garuu, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” jedheen.
HEB 5:6 Iddoo biraattis, “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedha.
HEB 5:7 Yesuus yeroo lafa irra jiraachaa turetti iyya guddaa fi imimmaaniin isa duʼa isa oolchuu dandaʼu sanatti kadhannaa fi waammata dhiʼeeffate; sababii inni sodaa Waaqaa qabuufis kadhannaan isaa ni dhagaʼameef.
HEB 5:8 Inni Ilma taʼu iyyuu dhiphina isaa sana irraa ajajamuu barate;
HEB 5:9 erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe.
HEB 5:10 Akka sirna Malkiiseedeqittis luba ol aanaa jedhamee Waaqaan waamame.
HEB 5:11 Nu waaʼee isaa waan jennu baayʼee qabna; isin garuu waan hubachuutti dadhaboo taataniif isinii ibsuun rakkisaa dha.
HEB 5:12 Isin yeroo kanatti barsiistota taʼuu qabdu ture; isin immoo nama waaʼee dhugaa dubbii Waaqaa kan jalqabaa irra deebiʼee isin barsiisutu isin barbaachisa. Nyaata jabaataas utuu hin taʼin aannan isin barbaachisa.
HEB 5:13 Namni aannaniin jiraatu kam iyyuu waan amma illee daaʼima taʼeef dubbii qajeelummaa hin beeku.
HEB 5:14 Nyaanni jabaataan garuu namoota bilchaatoo kanneen waan gaarii fi waan hamaa gargar baasanii beekuuf of leenjisaniif taʼa.
HEB 6:1 Kanaafuu kottaa barsiisa waaʼee Kiristoos isa jalqabaa sana dhiifnee gara bilchinaatti dabarraa; waaʼee hojii gara duʼaatti nama geessuu irraa deebiʼuu fi waaʼee Waaqatti amanuu lammata hundee hin buufnu;
HEB 6:2 akkasumas barsiisa waaʼee cuuphaa, waaʼee harka nama irra kaaʼuu, waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼaniitii fi waaʼee murtii bara baraa ammas hundee hin buufnu.
HEB 6:3 Nus yoo Waaqni jedhe waan kana ni goona.
HEB 6:4 Warra yeroo tokko ifni ifeefii kennaa samii dhandhamatan, kanneen Hafuura Qulqulluu irraa qooddatan,
HEB 6:5 warra gaarummaa dubbii Waaqaatii fi humna bara dhufuuf jiru sanaa dhandhamatanii
HEB 6:6 ergasii garuu amantii irraa gara galan, gara qalbii jijjiirrannaatti isaan fiduun hin dandaʼamu; sababiin isaas isaan fedhuma isaaniitiin deebisanii Ilma Waaqaa ni fannisu; fuula namootaa durattis salphinatti isa saaxilu.
HEB 6:7 Lafti bokkaa yeroo baayʼee irratti roobu dhugdee warra ishee qotataniif midhaan fayyadu kennitu eebba Waaqaa argatti.
HEB 6:8 Lafti qoraattii fi sokorruu biqilchitu garuu faayidaa hin qabdu; abaaramuus geesseerti. Dhumni ishees gubamuu dha.
HEB 6:9 Yaa michoota jaallatamtoota, nu yoo akkana dubbanne illee waaʼee keessan waan wayyu, waan fayyina wajjin deemus akka qabdan mirkaneeffanneerra.
HEB 6:10 Waaqni qulqulloota tajaajiluu keessanii fi ammas tajaajiluu keessaniin hojii isin hojjettanii fi jaalala maqaa isaatiif argisiiftan irraanfachuuf jalʼaa mitiitii.
HEB 6:11 Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna.
HEB 6:12 Nu akka isin fakkeenya warra amantii fi obsaan waan waadaa galame sana dhaalanii duukaa buutan barbaanna malee akka isin dhibaaʼoo taatan hin barbaannu.
HEB 6:13 Waaqni yeroo Abrahaamiif waadaa galetti kan isa caalu kan inni ittiin kakatu tokko iyyuu waan hin jirreef matuma ofiitiin kakate.
HEB 6:14 Innis, “Ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; baayʼisuus si baayʼisa” jedha.
HEB 6:15 Kanaafuu Abrahaam obsaan eeggatee waan waadaa galame sana argate.
HEB 6:16 Namoonni kan isaan caaluun kakatu; kakuun sunis waan jedhame sana mirkaneessee akka falmiin hundumtuu fiixaan baʼu godha.
HEB 6:17 Waaqni haala kaayyoo isaa kan hin geeddaramne sana caalaatti ibsee warra waadaa dhaalanitti argisiisuu waan barbaadeef waadaa sana kakuudhaan cimse.
HEB 6:18 Egaa waan hin geeddaramne kan Waaqni waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna.
HEB 6:19 Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;
HEB 6:20 iddoon kunis kan Yesuus iddoo keenya buʼee nu dursee itti ol seenee dha. Innis akka sirna Malkiiseedeqitti luba ol aanaa bara baraa taʼeera.
HEB 7:1 Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Waaqa Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Abrahaam mootota moʼatee deebiʼuu itti dhufee isa eebbise;
HEB 7:2 Abrahaamis waan hundumaa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. Jalqabatti maqaan isaa, “Mootii qajeelummaa” jechuu dha; ergasii immoo, “Mootii Saalem” jechuunis, “Mootii nagaa” jechuu dha.
HEB 7:3 Inni abbaa yookaan haadha hin qabu; hidda dhalootaas hin qabu; jalqaba guyyootaa yookaan dhuma jireenyaas hin qabu; inni akkuma Ilma Waaqaatti luba bara baraa taʼee jiraata.
HEB 7:4 Egaa Abrahaam hangafni abbootii iyyuu erga waan boojiʼe irraa kudhan keessaa tokko isaaf kennee, Malkiiseedeq hammam guddaa akka taʼe mee ilaalaa!
HEB 7:5 Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Abrahaam taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja.
HEB 7:6 Namichi sanyii isaanii irraa hin taʼin kun garuu Abrahaam isa waadaan galameef sana irraa kudhan keessaa tokko fudhatee isa eebbise.
HEB 7:7 Inni xinnaan akka isa guddaadhaan eebbifamu shakkii hin qabu.
HEB 7:8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko namoota duʼa hin oolleen walitti qabama; karaa kaaniin immoo isa jiraataa taʼuun isaa dhugaa baʼameef sanaan walitti qabama.
HEB 7:9 Lewwiin inni kudhan keessaa tokko walitti qabu mataan isaa iyyuu kudhan keessaa harka tokko karaa Abrahaamiitiin baaseera jechuun ni dandaʼama;
HEB 7:10 Malkiiseedeq yommuu Abrahaamin simatetti Lewwiin mudhii abbaa ofii isaa keessa tureetii.
HEB 7:11 Utuu sirni lubummaa Lewwii kan hirʼina hin qabne taʼee, silaa lubni biraa kan akka sirna lubummaa Aroonitti utuu hin taʼin lubni akka sirna lubummaa Malkiiseedeqitti filatame dhufuun isaa maaliif barbaachise ree? Seerri sirna lubummaa Lewwii kana irratti hundeeffamee sabaaf kennameetii.
HEB 7:12 Yommuu lubummaan geeddaramu seerichis akkasuma geeddaramaatii.
HEB 7:13 Inni wanni kun waaʼee isaa dubbatame sun gosti isaa kan biraa ti; gosa kana keessaas namni tokko iyyuu takkumaa iddoo aarsaa hin tajaajille.
HEB 7:14 Gooftaan keenya akka sanyii Yihuudaa irraa dhalate beekamaadhaatii; Museenis gosa sana ilaalchisee waaʼee lubummaa homaa hin dubbanne.
HEB 7:15 Yommuu lubni akka Malkiiseedeqi kan biraa kaʼutti, wanni nu dubbanne sun ittuma caalee ifa taʼa;
HEB 7:16 innis utuu ajaja fooniitiin hin taʼin humna jireenya hin badneetiin luba taʼe.
HEB 7:17 Waaʼee isaas, “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhamee dhugaa baʼameeraafiitii.
HEB 7:18 Ajajni duraa sun waan dadhabaa fi kan hin fayyadne tureef diigameera.
HEB 7:19 Sababii seerri waanuma tokko illee kan mudaa hin qabne hin godhiniif abdiin caalu kan nu ittiin gara Waaqaatti dhiʼaannu tokko dhufeera.
HEB 7:20 Kunis kakaa malee hin taane! Warri kaan immoo kakaa tokko malee luboota taʼan;
HEB 7:21 inni garuu yeroo Waaqni, “Gooftaan, ‘Ati luba bara baraa ti’ jedhee kakateera; inni yaada isaa hin geeddaru” isaan jedhetti kakaadhaan luba taʼe.
HEB 7:22 Yesuus sababii kakaa kanaatiif kakuu caaluuf wabii taʼeera.
HEB 7:23 Luboonni durii sababii duuti akka isaan tajaajila itti hin fufneef isaan dhowweef baayʼee turan;
HEB 7:24 Yesuus garuu waan bara baraan jiraatuuf lubummaa hin geeddaramne qaba.
HEB 7:25 Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
HEB 7:26 Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamoota irraa adda taʼe, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa.
HEB 7:27 Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii.
HEB 7:28 Seerichi namoota dadhaboo, luboota ol aantota godhee muudaatii; dubbiin kakaa kan seera booddee dhufe garuu, Ilma Waaqaa isa bara baraan mudaa hin qabne sana muuda.
HEB 8:1 Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna.
HEB 8:2 Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila.
HEB 8:3 Lubni ol aanaan kam iyyuu kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama; kanaafuu lubni kun waan dhiʼeessu tokko qabaachuu qaba.
HEB 8:4 Waan luboonni akka seeraatti kennaa dhiʼeessan duraanuu jiraniif, inni utuu lafa irra jiraatee silaa luba hin taʼu ture.
HEB 8:5 Isaanis iddoo qulqullummaa kan fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii tajaajilu. Waaqnis yommuu Museen dunkaana qulqulluu dhaabuuf kaʼetti, “Waan hunda akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu!” jedhee isa akeekkachiisuun isaa kanumaaf.
HEB 8:6 Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
HEB 8:7 Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture.
HEB 8:8 Waaqni garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha; “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis, kakuu haaraa galu ni dhufa jedha Gooftaan.
HEB 8:9 Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale sanaan tokko miti; isaan kakuu kootti jabaatanii waan hin dhaabatiniif, ani isaan irraa gara galeera, jedha Gooftaan.
HEB 8:10 Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
HEB 8:11 Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Gooftaa beeki’ jedhee, ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu.
HEB 8:12 Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
HEB 8:13 Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.
HEB 9:1 Kakuun jalqabaa sun iyyuu sirna waaqeffannaatii fi iddoo qulqulluu isa lafa irraa qaba ture.
HEB 9:2 Dunkaanni qulqulluun dhaabamee ture. Kutaan dunkaana sanaa kan jalqabaa, “Iddoo Qulqulluu” jedhama ture; kutaa kana keessas baattuu ibsaatii fi minjaala akkasumas buddeena qulqulleeffametu ture.
HEB 9:3 Golgaa lammaffaa duubaan immoo kutaa, “Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu” jedhamu tokkotu ture.
HEB 9:4 Achis iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi taabota kakuu kan karaa hundaan warqee dibametu ture. Taabota sana keessas okkotee warqee kan mannaa baatu, ulee Aroon inni latee fi gabatee dhagaa kan kakuun sun irratti barreeffametu kaaʼame.
HEB 9:5 Taaboticha gubbaadhaanis kiirubeeliin Ulfinaa teessoo araaraa irra golboobanii turan. Amma garuu waaʼee kanaa gad fageenyaan dubbachuu hin dandeenyu.
HEB 9:6 Luboonni yommuu wanni hundinuu haala kanaan qopheeffametti tajaajila kennuuf jedhanii yeroo hunda dunkaana qulqulluu isa jalqabaa seenu turan.
HEB 9:7 Dunkaana isa lammaffaa garuu luba ol aanaa qofatu waggaatti yeroo tokko qofa seena; innis dhiiga cubbuu ofii isaatiif dhiʼeessuu fi dhiiga cubbuu namoonni utuu hin beekin hojjetaniif dhiʼeessu qabatu malee hin seenu ture.
HEB 9:8 Hafuurri Qulqulluunis hamma dunkaanni jalqabaa sun dhaabatee jirutti akka karaan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti geessu sun amma illee hin mulʼifamin haala kanaan argisiisaa ture.
HEB 9:9 Kunis fakkeenya bara ammaa ti; innis akka kennaa fi aarsaan dhiʼeeffamu sun qalbii waaqeffataa tokkoo qulqulleessuu hin dandeenye mulʼisa.
HEB 9:10 Innis waaʼee nyaataatii fi dhugaatii, waaʼee sirna dhiqannaa garaa garaa jechuunis sirna foonii isa hamma seerichi haaromfamutti faayidaa kennaa ture qofa.
HEB 9:11 Kiristoos garuu yommuu waan gaarii dhufuuf jiruuf luba ol aanaa taʼee dhufetti, dunkaanicha guddaa mudaa hin qabne, kan harka namaatiin hin hojjetamin jechuunis kan uumama kana irraa hin dhufin sana keessa darbe.
HEB 9:12 Dhiiga reʼootaatii fi dhiiga jabbootaatiin hin seenne; garuu furii bara baraa nuu fiduudhaan dhiiguma ofiitiin yeroo tokko bara baraan gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti seene.
HEB 9:13 Erga dhiigni reʼootaa, dhiigni korommiitii fi daaraan goromsaa kan warra xuraaʼanitti facaafamu akka isaan fooniin qulqullaaʼan godhee,
HEB 9:14 yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!
HEB 9:15 Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.
HEB 9:16 Iddoo dhaamsi dhaalaa jirutti duʼa namicha dhaamate sanaa mirkaneessuun barbaachisaa dha;
HEB 9:17 dhaamsi dhaalaa yommuu namni dhaamate sun duʼu qofa hojii irra oola malee utuu inni lubbuun jiruu hin hojjetuutii.
HEB 9:18 Sababiin kakuun jalqabaa iyyuu dhiiga malee hojii irra hin ooliniifis kanuma.
HEB 9:19 Museen erga ajaja seera sanaa tokko tokkoon saba sana hundatti himee booddeetti, dhiiga jabbootaatii fi dhiiga reʼootaa bishaan wajjin, rifeensa hoolaa bildiimaa fi hiisophii fuudhee kitaaba maramaa fi saba hundatti facaase.
HEB 9:20 Innis, “Kun dhiiga kakuu kan Waaqni isiniif ajajee dha” jedhe.
HEB 9:21 Haaluma wal fakkaatuunis dunkaanichattii fi miʼa dunkaanicha keessatti sirna waaqeffannaatiif itti fayyadaman hundumatti dhiiga sana facaase.
HEB 9:22 Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.
HEB 9:23 Kanaafuu fakkeenyawwan waan samii irraa aarsaawwan kanneeniin qulqulleeffamuun barbaachisaa ture; wanni samii irraa mataan isaa garuu aarsaawwan waan kanneen caalaniin qulqulleeffamuu isaan barbaachisa.
HEB 9:24 Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne.
HEB 9:25 Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne.
HEB 9:26 Utuu akkas taʼee silaa Kiristoos uumama addunyaatii jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Amma garuu inni ofii isaa aarsaa godhee cubbuu balleessuuf dhuma baraatti yeroo tokko bara baraan mulʼateera.
HEB 9:27 Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana
HEB 9:28 akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.
HEB 10:1 Seerri gaaddidduu waan gaarii dhufuuf jiruu qofa malee bifa dhugaa miti. Kanaafuu seerichi aarsaa utuu wal irraa hin citin wagguma waggaan dhiʼeeffamu sanaan gonkumaa namoota waaqeffachuuf dhiʼaatan sana warra mudaa hin qabne gochuu hin dandaʼu.
HEB 10:2 Utuu isaan waan kana gochuu dandaʼanii silaa aarsaan dhiʼeeffamuun isaa ni hafa ture mitii? Waaqeffattoonnis siʼa tokko yeroo hundaaf ni qulqulleeffamu turaniitii; ergasii sababii cubbuu isaaniitiif yakki isaanitti hin dhagaʼamu ture.
HEB 10:3 Aarsaawwan kunneen garuu wagguma waggaan cubbuu nama yaadachiisu.
HEB 10:4 Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii.
HEB 10:5 Kanaafuu Kiristoos yommuu gara addunyaa dhufetti akkana jedhe: “Ati aarsaa fi kennaa hin feene; garuu dhagna naa qopheessite;
HEB 10:6 ati aarsaa gubamuu fi kennaa sababii cubbuutiif dhiʼeeffamutti hin gammanne.
HEB 10:7 Yeroo sana ani, ‘Ani kunoo ti; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera; yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera’ nan jedhe.”
HEB 10:8 Isaan akka seeraatti dhiʼeeffaman iyyuu inni jalqabatti, “Ati qalmawwanii fi aarsaawwan, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan cubbuuf dhiʼeeffaman hin feene yookaan itti hin gammanne” jedhe.
HEB 10:9 Ergasiis inni, “Ani kunoo fedhii kee raawwachuuf dhufeera” jedhe. Innis isa lammaffaa dhaabuuf jedhee isa jalqabaa dhabamsiise.
HEB 10:10 Fedhii sanaanis nu aarsaa dhagna Yesuus Kiristoos isa siʼa tokko yeroo hundaaf dhiʼeeffameen qulqulleeffamneerra.
HEB 10:11 Lubni hundinuu guyyuma guyyaan dhaabatee tajaajila isaa raawwata; aarsaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandeenye sanas yeroo hunda dhiʼeessa.
HEB 10:12 Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.
HEB 10:13 Yeroo sanaa jalqabees hamma diinonni isaa ejjeta miilla isaa taasifamanitti ni eeggata;
HEB 10:14 inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii.
HEB 10:15 Hafuurri Qulqulluunis waaʼee kanaa dhugaa nuu baʼa. Innis jalqabatti akkana jedha:
HEB 10:16 “Kakuun ani yeroo sana booddee isaan wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa.”
HEB 10:17 Ammas, “Ani cubbuu fi yakka isaanii siʼachi hin yaadadhu” jedha.
HEB 10:18 Iddoo isaan kunneen itti dhiifama argatanitti siʼachi sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuu hin barbaachisu.
HEB 10:19 Kanaafuu yaa obboloota, nu dhiiga Yesuusiin gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti galuuf ija jabina waan qabnuuf
HEB 10:20 karaa haaraa fi jiraataa golgaa keessaan jechuunis karaa foon isaatiin nuu baname sanaan
HEB 10:21 waan luba guddaa mana Waaqaa irratti qabnuuf,
HEB 10:22 kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Waaqatti dhiʼaannaa.
HEB 10:23 Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.
HEB 10:24 Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa.
HEB 10:25 Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.
HEB 10:26 Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu;
HEB 10:27 garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata.
HEB 10:28 Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama.
HEB 10:29 Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu?
HEB 10:30 Nu isa, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedhe sana beeknaatii; akkasumas, “Gooftaan saba isaatti ni mura” jedhe.
HEB 10:31 Harka Waaqa jiraataatti kufuun sodaachisaa dha.
HEB 10:32 Bara duraa yeroo erga ifni isinii ifee booddee walʼaansoo dhiphinaa guddaa obsitanii keessa dhaabattan sana yaadadhaa.
HEB 10:33 Isin yeroo tokko tokko fuula namootaa duratti arrabsoo fi ariʼatamaaf saaxilamtanii turtan; yeroo kaan immoo namoota rakkinni akkasii irra gaʼe wajjin hirmaachaa turtan.
HEB 10:34 Isin mataan keessan akka qabeenya wayyu kan hin dabarre qabdan waan beektaniif warra hidhaman wajjin dhiphattaniirtu; yommuu qabeenyi keessan saamamus gammachuudhaan fudhattaniirtu.
HEB 10:35 Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
HEB 10:36 Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.
HEB 10:37 “Yeroo xinnoo keessatti, inni dhufuuf jiru ni dhufa; hin turus.”
HEB 10:38 Akkasumas, “Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata. Kan duubatti harkifatu immoo ani itti hin gammadu.”
HEB 10:39 Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti.
HEB 11:1 Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.
HEB 11:2 Jaarsoliifis kanaan dhugaa baʼameetii.
HEB 11:3 Addunyaawwan akka ajaja Waaqaatiin uumaman, wanni mulʼatus akka waan mulʼatu irraa hin hojjetamin nu amantiidhaan hubanna.
HEB 11:4 Abeel amantiidhaan aarsaa isa Qaayin dhiʼeesse caalu Waaqaaf dhiʼeesse. Inni yommuu Waaqni waaʼee kennaa isaa dhugaa baʼameefitti nama qajeelaa taʼuun isaa amantiidhaan dhugaa baʼameef. Abeel duʼu iyyuu hamma ammaatti amantiidhaan dubbachaa jira.
HEB 11:5 Henook akka duʼa hin argineef amantiidhaan fudhatame; waan Waaqni isa fudhateef inni hin argamne. Inni utuu hin fudhatamin dura akka nama Waaqa gammachiiseetti dhugaa baʼameefii tureetii.
HEB 11:6 Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
HEB 11:7 Nohi waaʼee waan amma illee ijaan hin argaminii Waaqni isa akeekkachiifnaan sodaatee warra mana isaa jiraatan oolfachuuf jedhee amantiin doonii tolche. Amantii isaatiinis addunyaatti mure; dhaaltu qajeelummaa amantiin argamuus taʼe.
HEB 11:8 Abrahaam gara iddoo dhaaluuf jiruu akka dhaqu yommuu waamametti, amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu iyyuu utuu hin beekin kaʼee deeme.
HEB 11:9 Innis akka keessummaa biyya ormaa jiruutti biyya isaaf waadaa galame sana keessa amantiidhaan qubate; akkuma warra isa wajjin waadaadhuma sana dhaalan, akkuma Yisihaaqii fi Yaaqoob dunkaana keessa jiraate.
HEB 11:10 Inni magaalaa hundee qabdu kan Waaqni ijaaree fi tolche eeggachaa tureetii.
HEB 11:11 Saaraan yoo umurii daʼumsaa dabartee, dhabduu turte illee isheen waan Waaqa waadaa isheef gale sana amanamaa gootee fudhatteef, amantiidhaan mucaa daʼu dandeesse.
HEB 11:12 Kanaaf namicha akka waan duʼeetti ilaalamu tokkicha kana irraa sanyiin akka urjii samii baayʼattuu fi akka cirracha qarqara galaanaa kan hin lakkaaʼamne dhalate.
HEB 11:13 Namoonni kunneen hundinuu utuu waan waadaa galameef sana hin argatin amantii isaanii immoo utuu hin dhiisin duʼan. Waadaa sanas fagootti ilaalanii simatan. Isaanis lafa irratti akka keessummootaa fi godaantota turan beekaniiru.
HEB 11:14 Warri waan akkasii jedhan kunneen akka biyya ofii isaanii eeggachaa jiran mulʼisu.
HEB 11:15 Isaan utuu waaʼee biyya keessaa baʼan sanaa yaadaa turanii silaa, biyya isaaniitti deebiʼuuf carraa ni argatu turan.
HEB 11:16 Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii.
HEB 11:17 Abrahaam yeroo Waaqni isa qoretti amantiidhaan Yisihaaqin aarsaadhaaf dhiʼeesse. Isuma waadaa argate sanatu ilma isaa tokkicha aarsaa godhee dhiʼeessuuf qophaaʼe;
HEB 11:18 innis isuma Waaqni, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama” jedheen sana.
HEB 11:19 Abrahaam akka Waaqni warra duʼan keessaa nama kaasuu dandaʼu illee hubatee ture; kunis karaa tokkoon inni ilma isaa Yisihaaqin warra duʼan keessaa deebisee argate jechuu dha.
HEB 11:20 Yisihaaq amantiidhaan waan dhufuuf jiru irratti Yaaqoobii fi Esaawun eebbise.
HEB 11:21 Yaaqoob yeroo duʼetti amantiidhaan ilmaan Yoosef tokko tokkoon eebbise; mataa ulee isaatti irkatees sagade.
HEB 11:22 Yoosefis yeroo duʼetti amantiidhaan waaʼee Gibxi keessaa baʼuu ijoollee Israaʼel dubbate; waaʼee lafee isaas ajaja kenne.
HEB 11:23 Yeroo Museen dhalatetti abbaa fi haati isaa mucaa miidhagaa taʼuu isaa arganii utuu labsii mootichaa hin sodaatin amantiidhaan jiʼa sadii isa dhoksan.
HEB 11:24 Museen yeroo guddatetti ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu amantiidhaan dide.
HEB 11:25 Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Waaqaa wajjin dhiphachuu filate.
HEB 11:26 Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Kiristoosiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate.
HEB 11:27 Innis utuu dheekkamsa mootichaa hin sodaatin amantiidhaan Gibxi keessaa baʼe; isa hin mulʼanne sana akka waan argeetti obsee eeggate.
HEB 11:28 Akka ergamaan hangafa ajjeesu sun hangafoota saba Israaʼel hin tuqneefis amantiidhaan akka Faasiikaan ayyaaneffamu, dhiignis akka facaafamu godhe.
HEB 11:29 Sabni Israaʼel akkuma nama lafa gogaa irra deemuutti amantiin Galaana Diimaa ceʼe; warri Gibxi garuu yommuu akkuma sanatti ceʼuu yaalanitti ni liqimfaman.
HEB 11:30 Dallaan Yerikoo erga guyyaa torba marfamee booddee amantiidhaan jige.
HEB 11:31 Sagaagaltuun Rahaab jedhamtu basaastota simachuu isheetiin amantiidhaan hafte malee warra hin amanin wajjin hin ajjeefamne.
HEB 11:32 Ani egaa kana caalaa maalin jedha ree? Waaʼee Gedewoon, waaʼee Baaraq, waaʼee Saamsoon, waaʼee Yiftaa, waaʼee Daawit, waaʼee Saamuʼeelii fi waaʼee raajotaa odeessuuf ani yeroo hin qabu;
HEB 11:33 isaan amantiidhaan mootummoota moʼatan; murtii qajeelaa kennan; waan waadaa galame argatan; afaan leencotaa cufan;
HEB 11:34 amantiidhaan ibidda jabaa dhaamsan; qara goraadee jalaa baʼan; dadhabbiin isaanii jabinatti geeddarame; waraana keessatti humna argatanii loltoota diinaa ariʼan.
HEB 11:35 Dubartoonnis namoonni isaanii kanneen duʼan duʼaa kaafamaniifii deebisanii fudhatan. Warri kaanis duʼaa kaʼuu wayyu argachuuf jedhanii gad dhiifamuu didanii dhiphatan.
HEB 11:36 Warra kaanitti ni qoosame; ni garafamanis; akkasumas foncaan hidhamanii mana hidhaatti darbataman.
HEB 11:37 Dhagaadhaanis ni tumaman; iddoo lamatti baqaqfaman; goraadeedhaan ajjeefaman. Deeguudhaan, ariʼatamuu fi dhiphachuudhaan gogaa hoolotaatii fi reʼootaa uffatanii jooran;
HEB 11:38 addunyaan isaaniif hin maleetii. Isaanis gammoojjii fi gaara irra, holqaa fi boolla keessa jooraa turan.
HEB 11:39 Warri kunneen hundinuu yoo sababii amantii isaaniitiif jajaman iyyuu isaan keessaa namni tokko iyyuu waan waadaa galame sana hin arganne.
HEB 11:40 Waaqni akka isaan nu qofa wajjin warra mudaa hin qabne taʼaniif duraan dursee waan nuuf wayyu argeera.
HEB 12:1 Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;
HEB 12:2 kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.
HEB 12:3 Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii cubbamoota isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa.
HEB 12:4 Isin amma iyyuu walʼaansoo cubbuu wajjin gootan keessatti hamma dhiiga dhangalaasuutti jabaattanii hin mormine.
HEB 12:5 Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha: “Yaa ilma ko, adabbii Gooftaa hin tuffatin; yommuu inni si ifatus abdii hin kutatin;
HEB 12:6 Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii; inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba.”
HEB 12:7 Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti?
HEB 12:8 Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti.
HEB 12:9 Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree!
HEB 12:10 Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Waaqni garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba.
HEB 12:11 Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.
HEB 12:12 Kanaafuu irree laafee fi jilba dadhabe jabeessaa.
HEB 12:13 Naafti akka fayyuuf malee akka karaa irraa hin jalʼanneef, “Miilla keessaniif daandii qajeelaa baafadhaa.”
HEB 12:14 Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
HEB 12:15 Nama kamitti iyyuu ayyaanni Waaqaa akka hin hirʼanne of eeggadhaa; hiddi hadhaaʼaan biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota baayʼees hin xureessineef of eeggadhaa.
HEB 12:16 Namni kam iyyuu akka Esaawu isa mirga hangafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurgurate sanaa sagaagaltuu yookaan nama Waaqatti hin bulle hin taaneef of eeggadhaa.
HEB 12:17 Inni ergasii yeroo eebba sana dhaaluu barbaadetti akka didame isin ni beektu. Inni yoo eebba sana imimmaaniin barbaade illee geeddarama tokko illee fiduu hin dandeenye.
HEB 12:18 Isin gara tulluu tuqamuu dandaʼuu fi ibiddi irraa bobaʼu, gara dukkanaa, gara dimimmisaa fi bubbee hin geenye;
HEB 12:19 gara sagalee malakataatii fi gara sagalee dubbii dubbatuu hin geenye; warri isa dhagaʼanis akka dubbiin biraa dabalamee isaanitti hin dubbatamne kadhatan.
HEB 12:20 Isaan waan, “Bineensi iyyuu yoo tulluu sana tuqe dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu” jedhamee ajajame sana obsuu hin dandeenyeetii.
HEB 12:21 Wanti achitti mulʼates waan sodaachisaa taʼeef Museen, “Ani sodaadhaan hollachaan jira” jedhe.
HEB 12:22 Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu;
HEB 12:23 gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Waaqa Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii,
HEB 12:24 gara Yesuus araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Abeel dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu.
HEB 12:25 Isinis akka isa dubbachaa jiru sana hin didneef of eeggadhaa. Erga isaan yeroo isa lafa irratti isaan akeekkachiise sana didanitti jalaa hin baʼin, nu immoo yoo isa samii irraa nu akeekkachiisu sana irraa gara galle akkamitti jalaa baʼuu dandeenya ree?
HEB 12:26 Yeroo sanatti sagaleen isaa lafa sochoose; amma garuu inni, “Ani ammas yeroo tokko lafa qofa utuu hin taʼin samiiwwanis nan sochoosa” jedhee waadaa galeera.
HEB 12:27 Dubbiin, “Ammas yeroo tokko” jedhu kun akka wanni hin sochoofamne hafee jiraatuuf, wanni sochoofamu jechuunis wanni uumame baduu isaa argisiisa.
HEB 12:28 Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu;
HEB 12:29 Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.
HEB 13:1 Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa.
HEB 13:2 Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
HEB 13:3 Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.
HEB 13:4 Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
HEB 13:5 Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.
HEB 13:6 Kanaaf nu ija jabinaan, “Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jenna.
HEB 13:7 Hooggantoota keessan warra dubbii Waaqaa isinitti himanii turan sana yaadadhaa. Waan jireenya isaanii irraa argames ilaalaa; amantii isaanii duukaa buʼaa.
HEB 13:8 Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma.
HEB 13:9 Barsiisa gosa hundumaa kan keessummaa taʼeen hin fudhataminaa. Garaan keenyas sirna waaʼee nyaataatiin utuu hin taʼin ayyaanaan jabina argachuu qaba; sirni waaʼee nyaataa warra isa kabajan iyyuu hin fayyadu.
HEB 13:10 Nu iddoo aarsaa kan warri dunkaana qulqulluu keessa tajaajilan irraa nyaachuuf mirga hin qabne tokko qabna.
HEB 13:11 Lubni ol aanaan dhiiga horii qabatee sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana seena; foon horii sanaas qubata keessaa gad baafamee gubama.
HEB 13:12 Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate.
HEB 13:13 Egaa kottaa nus salphina inni baate sana baannee iddoo qubataatiin ala gara isaa haa dhaqnu.
HEB 13:14 Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.
HEB 13:15 Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.
HEB 13:16 Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.
HEB 13:17 Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii.
HEB 13:18 Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra.
HEB 13:19 Keessumattuu akka ani dafee deebiʼee gara keessan dhufuuf akka Waaqa kadhattan isin gorsa.
HEB 13:20 Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun,
HEB 13:21 akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Yesuus Kiristoosiif haa taʼu. Ameen.
HEB 13:22 Yaa obboloota nana, ani waan xalayaa gabaabaa isinii barreesseef, akka isin ergaa gorsaa kana obsaan fudhattan isin kadhadha.
HEB 13:23 Akka obboleessi keenya Xiimotewos mana hidhaatii hiikame akka beektan nan barbaada. Yoo inni dafee as dhufe ani isin arguuf isa wajjin nan dhufa.
HEB 13:24 Hooggantoota keessan hundaa fi qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Warri Iixaaliyaa irraa dhufanis nagaa isinii dhaamu.
HEB 13:25 Ayyaanni isin hunda wajjin haa taʼu.
JAM 1:1 Yaaqoob garbicha Waaqaatii fi kan Yesuus Kiristoos Gooftichaa irraa,
JAM 1:2 Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa;
JAM 1:3 amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.
JAM 1:4 Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu.
JAM 1:5 Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.
JAM 1:6 Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.
JAM 1:7 Namni sun waan tokko illee Gooftaa biraa nan argadha jedhee hin eeggatin;
JAM 1:8 inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu.
JAM 1:9 Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju.
JAM 1:10 Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii.
JAM 1:11 Aduun hoʼa gubuun baatee marga gogsitiitii; daraaraan biqiltuu sanaas ni harcaʼa; miidhaginni isaas ni bada. Sooressis utuma hojii isaatiif olii gad fiiguu bada.
JAM 1:12 Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
JAM 1:13 Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Waaqatu na qoraa jira” hin jedhin. Waaqni hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru;
JAM 1:14 tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama.
JAM 1:15 Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.
JAM 1:16 Yaa obboloota koo jaallatamoo, hin dogoggorinaa.
JAM 1:17 Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
JAM 1:18 Innis akka nu uumama isaa hundumaaf gosa hangafa taanuuf akkuma fedhii isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche.
JAM 1:19 Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;
JAM 1:20 aariin namaa qajeelummaa Waaqaa hin hojjetuutii.
JAM 1:21 Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa.
JAM 1:22 Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
JAM 1:23 Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata;
JAM 1:24 innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata.
JAM 1:25 Garuu namni seera bilisaa kan hirʼina hin qabne sana hubatee ilaalu, kan akka seera sanaattis jiraatu, kan waan dhagaʼes hojii irra oolchuu malee hin irraanfanne sun waan hojjetu keessatti ni eebbifama.
JAM 1:26 Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu.
JAM 1:27 Amantaan Waaqa Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha.
JAM 2:1 Yaa obboloota ko, isin waan Gooftaa keenya kan ulfinaa Yesuus Kiristoositti amantaniif nama wal hin caalchisinaa.
JAM 2:2 Namni qubeelaa warqee kaaʼatee uffata bareedaas uffatu tokko gara wal gaʼii keessanii dhufa haa jennu; akkasumas hiyyeessi darsa uffatu ni dhufa haa jennu.
JAM 2:3 Isinis yoo namicha uffata bareedaa uffatu sanaaf ulfina addaa kennitanii, “Maaloo kottuu iddoo gaarii taaʼi!” jettan, yoo namicha hiyyeessa sanaan immoo, “Ati achi dhaabadhu” yookaan “Kottuutii miilla koo bira taaʼi!” jettan,
JAM 2:4 isin gidduu keessanitti garaa garummaa uumtanii warra yaada hamaan murteessitan hin taanee?
JAM 2:5 Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii?
JAM 2:6 Isin garuu hiyyeeyyii salphiftaniirtu. Warri isin qisaasuutti jiran warruma sooreyyii sana mitii? Kanneen gara mana murtiitti isin harkisaa jiranis isaanuma mitii?
JAM 2:7 Maqaa kabajamaa isin ittiin waamamtan sanas kan arrabsan isaanuma mitii?
JAM 2:8 Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, “Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu” jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu.
JAM 2:9 Yoo nama wal caalchiftan garuu isin cubbuu hojjettan; seera durattis akka seera cabsitootaatti isinitti murama.
JAM 2:10 Sababiin isaas namni seera guutummaatti eegee waan tokko qofa cabse kam iyyuu akka waan seera hunda cabseetti ilaalamaatii.
JAM 2:11 Inni, “Hin ejjin” jedhe sun akkasuma immoo, “Hin ajjeesin” jedheeraatii. Ati yoo ejjuu baatte illee nama ajjeefnaan seera cabsiteerta.
JAM 2:12 Isin akka warra seera nama bilisoomsuun itti muramuutti dubbadhaa; hojjedhaas;
JAM 2:13 nama namaaf hin araaramnetti murtii araara hin qabnetu murama. Araarri murtii moʼa.
JAM 2:14 Yaa obboloota ko, namni tokko yoo, “Ani amantii qaba” jedhee garuu hojiin argisiisuu baate, kun faayidaa maalii qaba? Amantiin akkanaa isa fayyisuu dandaʼaa ree?
JAM 2:15 Fakkeenyaaf obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko uffataa fi waan guyyaa guyyaan nyaatan hin qaban haa jennu.
JAM 2:16 Isin keessaa yoo namni tokko, “Nagaan deemaa; isinitti haa hoʼu; quufaas” isaaniin jedhee garuu waan foon isaaniitiif barbaachisu tokko illee hin kenniniif, kun faayidaa maalii qaba ree?
JAM 2:17 Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.
JAM 2:18 Namni tokko garuu, “Ati amantii qabda; ani immoo hojii qaba” jedha. Ati amantii kee hojii malee na argisiisi; anis hojii kootiin amantii koo sin argisiisa.
JAM 2:19 Akka Waaqni tokkichi jiru ati ni amanta. Kun gaarii dha! Hafuuronni hamoon iyyuu waan kana ni amanu; sodaadhaanis ni hollatu.
JAM 2:20 Yaa namicha gowwaa nana, ati akka amantiin hojii of keessaa hin qabne duʼaa taʼe beekuu barbaaddaa?
JAM 2:21 Abbaan keenya Abrahaam yommuu ilma isaa Yisihaaqin iddoo aarsaa irratti dhiʼeessetti waan hojjete sanaaf qajeelaa taʼee hin lakkaaʼamnee ree?
JAM 2:22 Akka amantiin isaatii fi hojiin isaa tokkummaan hojjechaa turan ni argita; waan inni hojjeteenis amantiin isaa guutuu taʼe.
JAM 2:23 Kanaanis wanni katabbii qulqulluu keessatti, “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef” jedhu ni raawwatame; innis michuu Waaqaa jedhame.
JAM 2:24 Egaa akka namni hojiidhaanis malee amantii qofaan qajeelaatti hin lakkaaʼamne ni argitu.
JAM 2:25 Akkasuma immoo sagaagaltuun Rahaab jedhamtu yommuu basaastota simattee karaa kaaniin isaan geggeessitetti waan hojjetteen qajeeltuutti hin lakkaaʼamnee ree?
JAM 2:26 Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.
JAM 3:1 Yaa obboloota ko, baayʼeen keessan barsiistota hin taʼinaa; nu warra barsiisnutti murtii cimaan akka muramu ni beektuutii.
JAM 3:2 Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.
JAM 3:3 Fardi akka nuuf ajajamuuf yoo afaan isaa luugamne dhagna isaa guutuu gara barbaanne geessuu dandeenya.
JAM 3:4 Mee doonii illee ilaalaa! Dooniin yoo akka malee guddaa taʼee bubbee jabaadhaan oofame illee namichi isa oofu batoo xinnoo isheetiin gara barbaadetti geessa.
JAM 3:5 Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa.
JAM 3:6 Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama.
JAM 3:7 Bineensonni gosa hundaa, simbirroonni, uumamawwan lafa irra looʼanii fi galaana keessa jiraatan hundinuu namaan madaqfamu; madaqfamaniirus;
JAM 3:8 arraba garuu namni tokko iyyuu leenjisuu hin dandaʼu. Arrabni hamaa boqonnaa hin qabnee dha; summii nama ajjeesuunis kan guutamee dha.
JAM 3:9 Nu arrabaan Gooftaa fi Abbaa eebbifna; isumaan immoo nama bifa Waaqaatiin uumame abaarra.
JAM 3:10 Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu.
JAM 3:11 Bishaan miʼaawaa fi hadhaaʼaan burqaa tokko keessaa ni baʼaa?
JAM 3:12 Yaa obboloota ko, mukni harbuu ija ejersaa naqachuu yookaan wayiniin ija harbuu naqachuu dandaʼaa? Akkasuma immoo burqaan bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa kennuu hin dandaʼu.
JAM 3:13 Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu.
JAM 3:14 Isin garuu yoo hinaaffaa hadhaaʼaa fi hawwii ofittummaa garaa keessan keessaa qabaattan of hin jajinaa; dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa.
JAM 3:15 Ogummaan kun kan lafaa ti; kan foonii ti; kan hafuura hamaati malee kan samii irraa dhufu miti.
JAM 3:16 Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira.
JAM 3:17 Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.
JAM 3:18 Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.
JAM 4:1 Wanni lolaa fi walitti buʼuu isin gidduutti kaasu maali? Isaan hawwii isin keessatti wal lolan irraa dhufu mitii?
JAM 4:2 Isin ni hawwitu; garuu hin argattan. Kanaaf ni ajjeeftu; ni hinaaftus. Garuu waan barbaaddan sana argachuu hin dandeessan. Kanaafis walitti buutu; wal loltus. Isin waan Waaqa hin kadhanneef hin qabaattan.
JAM 4:3 Isin dharraa keessan hamaa guutachuuf jettanii yaada hamaan waan kadhattaniif yommuu kadhattan hin argattan.
JAM 4:4 Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa.
JAM 4:5 Yookaan wanni Katabbiin Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu sun hinaaffaadhaan hawwa” jedhu akkasumaan dubbatama seetuu ree?
JAM 4:6 Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.
JAM 4:7 Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
JAM 4:8 Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.
JAM 4:9 Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu.
JAM 4:10 Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
JAM 4:11 Yaa obboloota, wal hin hammeessinaa. Namni obboleessa isaa hammeessu yookaan obboleessa isaatti muru kam iyyuu seera hammeessa; seerattis ni mura. Garuu ati yoo seeratti murte seera sanatti muraa jirta malee isaaf ajajamaa hin jirtu.
JAM 4:12 Inni seera tumuu fi Abbaan Murtii tokkichuma; innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼuu dha. Garuu nama kaanitti muruuf ati eenyu?
JAM 4:13 Egaa isin warri, “Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna” jettan mee dhagaʼaa.
JAM 4:14 Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha.
JAM 4:15 Qooda kanaa isin, “Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna” jechuu qabdu.
JAM 4:16 Amma garuu isin of jajuu keessanitti gammaddu. Gammachuun akkasii hundi hamaa dha.
JAM 4:17 Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.
JAM 5:1 Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas.
JAM 5:2 Qabeenyi keessan tortoreera; biliinis uffata keessan nyaateera.
JAM 5:3 Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu.
JAM 5:4 Kunoo, mindaan isin warra midhaan keessan haaman dhowwattan sun ni iyya. Iyyi warra midhaan keessan walitti qabaniis gurra Gooftaa Waan Hunda Dandaʼu sanaa seeneera.
JAM 5:5 Isin qananii fi gammachuun lafa irra jiraattaniirtu. Guyyaa qalmaatiifis of gabbiftaniirtu.
JAM 5:6 Nama qajeelaa isiniin hin morminetti murtanii ajjeeftu.
JAM 5:7 Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa.
JAM 5:8 Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.
JAM 5:9 Yaa obboloota, akka isinitti hin muramneef walitti hin guunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabateera.
JAM 5:10 Yaa obboloota, raajota maqaa Gooftaatiin dubbachaa turan sana akka fakkeenya dhiphinaa fi obsaatti fudhadhaa.
JAM 5:11 Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha.
JAM 5:12 Hundumaa caalaa immoo yaa obboloota ko, hin kakatinaa; samiin yookaan lafaan yookaan waan biraa tokkoon illee hin kakatinaa. Wanni isin jechuu qabdan, “Eeyyee” yookaan “waawuu” haa taʼu. Yoo kanaa achii isinitti murama.
JAM 5:13 Isin keessaa namni dhiphachaa jiru jiraa? Inni haa kadhatu. Namni gammadu jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu.
JAM 5:14 Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa kadhataniif.
JAM 5:15 Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf.
JAM 5:16 Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.
JAM 5:17 Eeliyaas namuma akka keenyaa ture. Innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee kadhate; bokkaanis waggaa sadii fi jiʼa jaʼa lafa irratti hin roobne.
JAM 5:18 Ammas deebiʼee kadhate; samiin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte.
JAM 5:19 Yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni biraa immoo yoo isa deebise,
JAM 5:20 inni nama cubbamaa karaa jalʼaa irraa deebisu lubbuu namicha sanaa akka duʼa jalaa baasu, cubbuu baayʼees akka dhoksu haa beeku.
1PE 1:1 Phexros ergamaa Yesuus Kiristoos irraa,
1PE 1:2 kanneen akka beekumsa Waaqa Abbaatti, karaa hojii qulqulleessuu Hafuuraatiin, akka Yesuus Kiristoosiif ajajamanii fi akka dhiigni isaa isaanitti facaafamuuf filatamaniitti:
1PE 1:3 Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;
1PE 1:4 akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera;
1PE 1:5 isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.
1PE 1:6 Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.
1PE 1:7 Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe.
1PE 1:8 Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu;
1PE 1:9 isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.
1PE 1:10 Raajonni waaʼee ayyaana isinii kennamuuf jiru sanaa dubbatan sun itti jabaatanii waaʼee fayyina kanaa qorachaa, iyyaafachaas turan;
1PE 1:11 isaanis yommuu Hafuurri Kiristoos inni isaan keessa ture sun waaʼee dhiphina Kiristoosiitii fi waaʼee ulfina itti aanu sanaa duraan dursee dubbatetti yoomii fi haala akkamii keessa akka taʼu beekuuf yaalaa turan.
1PE 1:12 Namoonni Hafuura Qulqulluu isa samiidhaa ergameen wangeela isinitti lallaban sun waan amma isinitti himan keessatti utuu ofii isaanii hin taʼin isin akka tajaajilan ifa ni taʼeef; waan kana ergamoonni iyyuu gad fageenyaan arguu hawwu.
1PE 1:13 Kanaafuu mudhii qalbii keessanii hidhadhaa; warra of qaban taʼaa; abdii keessanis guutumaan guutuutti ayyaana yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti isinii kennamu sana irra kaaʼadhaa.
1PE 1:14 Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa.
1PE 1:15 Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa;
1PE 1:16 “Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
1PE 1:17 Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana “Abbaa” jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa.
1PE 1:18 Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii.
1PE 1:19 Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
1PE 1:20 Inni utuu addunyaan hin uumamin duraan dursee beekame; garuu isiniif jedhee bara dhumaa kana keessa mulʼate.
1PE 1:21 Isinis karaa isaatiin Waaqa warra duʼan keessaa isa kaasee ulfina isaaf kenne sanatti amantu; kunis akka amantii fi abdiin keessan Waaqayyo taʼuuf.
1PE 1:22 Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.
1PE 1:23 Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.
1PE 1:24 “Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
1PE 1:25 dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata.” Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana.
1PE 2:1 Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa.
1PE 2:2 Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;
1PE 2:3 isin gaarummaa Gooftaa dhandhamattaniirtuutii.
1PE 2:4 Isin erga gara isaa, gara Dhagaa jiraataa namoonni tuffatanii Waaqni garuu filate gati jabeessa sanaa dhuftanii,
1PE 2:5 isinis akkuma aarsaa hafuuraa kan karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa biratti fudhatamaa taʼe dhiʼeessuudhaan luboota qulqullaaʼoo taʼuuf akkuma dhagaawwan jiraatootti mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu.
1PE 2:6 Katabbiin Qulqulluun, “Kunoo, ani Xiyoon keessa, dhagaa tokko, dhagaa golee filatamaa gati jabeessa nan kaaʼa; namni isa amanatu kam iyyuu hin qaanaʼu” jedhaatii.
1PE 2:7 Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu, “Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera.”
1PE 2:8 Akkasumas, “Dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu taʼe” jedhameera. Isaanis waan dubbii sanaaf ajajamuu didaniif gufatan; dhugumaanuu isaan kanumaaf ramadaman.
1PE 2:9 Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.
1PE 2:10 Isin dur saba Waaqaa hin turre; amma garuu saba Waaqaa ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.
1PE 2:11 Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa.
1PE 2:12 Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Waaqni nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa.
1PE 2:13 Gooftaadhaaf jedhaatii taayitaa namaa hunda jalatti bulaa; mootii taayitaa ol aanaa qabu
1PE 2:14 yookaan bulchitoota inni akka isaan namoota balleessaa hojjetan adabanii warra waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffataniif erge hundumaa jalattis bulaa.
1PE 2:15 Waaqni akka isin waan gaarii hojjechuudhaan haasaa wallaalummaa namoota gowwaa afaan qabachiiftan fedhaatii.
1PE 2:16 Akka warra bilisummaa qabaniitti jiraadhaa; bilisummaa keessan immoo hammina dhoksuuf itti hin fayyadaminaa; garuu akka tajaajiltoota Waaqaatti jiraadhaa.
1PE 2:17 Nama hunda kabajaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqa sodaadhaa; mootiifis ulfina kennaa.
1PE 2:18 Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa.
1PE 2:19 Namni tokko yoo Waaqaaf jedhee dhiphina dabaan isatti dhufe obse galata qaba.
1PE 2:20 Isin yoo sababii balleessaa hojjettaniif dhaanamtanii obsitan galata maalii argattu? Garuu yoo sababii waan qajeelaa hojjettaniif dhiphattanii obsitan kun fuula Waaqaa duratti galata qaba.
1PE 2:21 Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Kiristoos akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.
1PE 2:22 “Inni cubbuu hin hojjenne; sobni afaan isaatii hin baane.”
1PE 2:23 Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne.
1PE 2:24 Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.
1PE 2:25 Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.
1PE 3:1 Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa;
1PE 3:2 isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu.
1PE 3:3 Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin;
1PE 3:4 qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Waaqaa duratti gatii guddaa qabu haa taʼu.
1PE 3:5 Dubartoonni qulqulloonni durii warri Waaqa abdatanis akkasuma dhirsoota isaaniitiif ajajamuudhaan of miidhagsan;
1PE 3:6 Saaraanis Abrahaamiin “Gooftaa” jettee waamaa isaaf ajajamaa turte. Isinis yoo waan qajeelaa hojjettanii fi sodaachuu baattan intallan ishee ti.
1PE 3:7 Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.
1PE 3:8 Dhuma irratti hundi keessan yaada tokko qabaadhaa; walii naʼaa; akka obbolootaatti wal jaalladhaa; garaa laafotaa fi warra gad of qabanis taʼaa.
1PE 3:9 Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.
1PE 3:10 “Namni jireenya jaallatu, kan bara gaariis arguu hawwu kam iyyuu, arraba isaa hammina irraa, hidhii isaa immoo soba dubbachuu irraa haa eeggatu.
1PE 3:11 Inni hammina irraa deebiʼee gaarii haa hojjetu; nagaa haa barbaadu; duukaa haa buʼus.
1PE 3:12 Iji Gooftaa qajeeltota irra jiraatii; gurri isaas kadhata isaaniitiif banamaa dha; garuu fuulli Gooftaa warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.”
1PE 3:13 Isin gaarii hojjechuuf yoo hinaaftan, eenyutu isin miidha?
1PE 3:14 Garuu yoo qajeelummaaf jettanii dhiphattan isin eebbifamoo dha. “Sodaachisuu isaanii hin sodaatinaa; hin jeeqaminaas.”
1PE 3:15 Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;
1PE 3:16 isinis yommuu namoonni waaʼee keessan waan hamaa dubbatanitti akka warri amala gaarii isin Kiristoos keessatti qabdan sana arrabsan qaanaʼaniif yaada gaarii qabaadhaa.
1PE 3:17 Dhiphachuun keessan fedhii Waaqaa yoo taʼe, hamaa hojjettanii dhiphachuu irra gaarii hojjettanii dhiphachuu wayya.
1PE 3:18 Kiristoosis Waaqatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame;
1PE 3:19 erga jiraataa taasifamee immoo dhaqee hafuurota mana hidhaa jiranitti lallabe;
1PE 3:20 isaanis bara Nohi keessa utuu dooniin ijaaramaa jiruu, yeroo Waaqni obsaan eegetti warra hin ajajaminii dha. Doonii kanaanis nama muraasa, walumatti nama saddeeti qofatu badiisa bishaanii jalaa baʼe;
1PE 3:21 bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Waaqaaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin isin fayyisa;
1PE 3:22 Kiristoos samiitti ol baʼee mirga Waaqaa jira; ergamoonni Waaqaa, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.
1PE 4:1 Kanaafuu waan Kiristoos foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera.
1PE 4:2 Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Waaqaatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu.
1PE 4:3 Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu.
1PE 4:4 Isaanis sababii isin gara jireenya gad dhiisii akkasiitti isaan wajjin hin fiigneef ni dinqisiifatu; isin arrabsus.
1PE 4:5 Garuu isaan Waaqa warra jiranii fi warra duʼanitti muruuf qophaaʼe sana duratti deebii ni kennu.
1PE 4:6 Kanaafuu karaa fooniitiin akkuma namaatti akka isaanitti muramuuf, karaa hafuuraatiin immoo akka Waaqaatti akka jiraataniif wangeelli warra duʼanii jiranitti iyyuu lallabameera.
1PE 4:7 Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Waaqa kadhachuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa.
1PE 4:8 Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.
1PE 4:9 Guungummii malee wal keessumsiisaa.
1PE 4:10 Tokkoon tokkoon namaa kennaa warra kaan tajaajiluuf argate kam iyyuu akkuma abbaa imaanaa amanamaa kan ayyaana Waaqaa bifa garaa gaaraatiin jiru sanaa tokkootti itti fayyadamuu qaba.
1PE 4:11 Namni dubbatu kam iyyuu akka nama dubbii Waaqaa dubbatuutti haa dubbatu. Namni tajaajilu kam iyyuu akka Waaqni waan hunda keessatti karaa Yesuus Kiristoosiin galateeffamuuf jedhee jabina Waaqni isaaf kenneen haa tajaajilu. Ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen.
1PE 4:12 Yaa michoota jaallatamoo, qorama akka ibiddaa kan amma ittiin dhiphachaa jirtan kana akka waan wanni haaraan isinitti dhufeetti hin dinqisiifatinaa.
1PE 4:13 Garuu isin yeroo ulfinni isaa mulʼatutti akka baayʼee gammaddaniif waan dhiphina Kiristoos keessatti qooda fudhattaniif gammadaa.
1PE 4:14 Yoo maqaa Kiristoosiitiif jettanii arrabsamtan isin eebbifamoo dha; Hafuurri ulfinaatii fi Hafuurri Waaqaa isin irra boqotaatii.
1PE 4:15 Isin keessaa namni kam iyyuu akka nama nama ajjeesuutti yookaan akka hattuutti yookaan akka nama yakka hojjetuutti yookaan akka nama dubbii namaa keessa seenuutti hin dhiphatin.
1PE 4:16 Garuu namni tokko yoo sababii Kiristaana taʼeef dhiphate maqaa sanaan Waaqa haa galateeffatu malee hin qaanaʼin.
1PE 4:17 Yeroon itti murtiin mana Waaqaatii jalqabu dhiʼaateeraatii; murtiin kun yoo nurratti jalqaba taʼe dhumni warra wangeela Waaqaatiif hin ajajamnee akkam haa taʼu ree?
1PE 4:18 “Erga qajeeltonni fayyuun rakkisaa taʼe, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan maal haa taʼu ree?”
1PE 4:19 Kanaafuu warri akka fedhii Waaqaatti dhiphatan lubbuu isaanii Uumaa isaanii amanamaa sanatti imaanaa kennatanii waan gaarii hojjechuutti haa fufan.
1PE 5:1 Ani akka maanguddoo akkuma isaanii tokkootti, akka dhuga baatuu dhiphina Kiristoosii fi akka nama ulfina mulʼachuuf jiru sana keessatti qooda qabu tokkootti akkana jedhee maanguddoota isin gidduu jiran sana nan gorsa;
1PE 5:2 karra hoolotaa Waaqaa kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Waaqni akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa;
1PE 5:3 karra hoolotaatiif fakkeenya taʼaa malee warra imaanaa isinitti kennaman sana humnaan hin bulchinaa.
1PE 5:4 Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.
1PE 5:5 Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”
1PE 5:6 Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa.
1PE 5:7 Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.
1PE 5:8 Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Diiyaabiloos diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.
1PE 5:9 Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.
1PE 5:10 Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.
1PE 5:11 Bara baraa hamma bara baraatti humni isaaf haa taʼu. Ameen.
1PE 5:12 Anis isin jajjabeessuudhaaf, akka wanni kun ayyaana Waaqaa isa dhugaa taʼe sana dhugaa baʼuuf harka Silwaanos isa ani akka obboleessa amanamaatti hedu sanaatiin gabaabumatti barreessee isinii ergeera. Ayyaana kanaan jabaadhaa dhaabadhaa.
1PE 5:13 Waldaan kiristaanaa isheen isin wajjin filatamtee Baabilon keessa jirtu sun nagaa isinii dhaamti; ilmi koo Maarqosis akkasuma nagaa isinii dhaama.
1PE 5:14 Dhungoo jaalalaatiin nagaa wal gaafadhaa. Isin warra kan Kiristoos taatan hundaaf nagaan haa taʼu.
2PE 1:1 Simoon Phexros garbichaa fi ergamaa Yesuus Kiristoos irraa,
2PE 1:2 Beekumsa Waaqaatii fi beekumsa Gooftaa keenya Yesuusiin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.
2PE 1:3 Humni waaqummaa isaa karaa isa ulfina isaatii fi gaarummaa isaatiin nu waame sana beekuu keenyaatiin waan jireenyaa fi Waaqatti buluuf nu barbaachisu hundumaa nuuf kenneera.
2PE 1:4 Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin addunyaa keessa jiru jalaa baatanii akka amala waaqummaa isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuuf galeera.
2PE 1:5 Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa;
2PE 1:6 akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu,
2PE 1:7 Waaqatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.
2PE 1:8 Yoo isin waan kana hunda qabaattanii ittuma isinii baayʼachaa deeme, wanni kun akka isin Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos beekuu keessatti dadhaboo fi buʼaa dhabeeyyii hin taane isin godha.
2PE 1:9 Garuu namni waan kana hin qabne kam iyyuu jaamaa dha; fagoottis arguu hin dandaʼu; cubbuu isaa durii sana irraa qulqulleeffamuu isaa irraanfateera.
2PE 1:10 Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan;
2PE 1:11 akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuun guutummaatti isiniif kennama.
2PE 1:12 Kanaafuu isin wantoota kanneen beektanii, dhugaa amma qabdan kanatti jabaatanii dhaabattanii iyyuu ani yeroo hunda wantoota kanneen isin yaadachiisuu nan barbaada.
2PE 1:13 Ani hamman dunkaana kana keessa jirutti waan kana isin yaadachiisuudhaan isin dammaqsuu koo qajeelaa nan seʼa;
2PE 1:14 ani akka Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos naaf ibsetti, dunkaana koo kana akkan dafee of irraa baasu beekaatii.
2PE 1:15 Ani akka isin erguma ani isin biraa godaanee booddee yeroo hunda waan kana yaadachuu dandeessan gochuuf nan carraaqa.
2PE 1:16 Nu yommuu waaʼee humnaa fi dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isinitti himnetti, surraa isaa ijuma keenyaan argineeti malee oduu haxxummaadhaan uumame duukaa buunee miti.
2PE 1:17 Innis yommuu sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada” jedhu sun Ulfina Surra qabeessa sana biraa dhufeefitti, Waaqa Abbaa biraa kabajaa fi ulfina argateeraatii.
2PE 1:18 Nu mataan keenya iyyuu yeroo isa wajjin tulluu qulqulluu irra turretti, utuu sagaleen kun samii irraa dhufuu dhageenye.
2PE 1:19 Kanaafuu dubbiin raajonni dubbatan sun ittuma caalee nuuf mirkaneeffame; isinis hamma boruun baqaqee bakkalchi barii garaa keessan keessatti baʼutti yoo akkuma ibsaa dukkana keessatti ibsuutti dubbii kanaaf xiyyeeffannoo kennitan waan gaarii gochuu keessan.
2PE 1:20 Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa raajichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu.
2PE 1:21 Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.
2PE 2:1 Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu.
2PE 2:2 Namoonni baayʼeenis amala isaanii isa qaanessaa sana duukaa buʼu; sababii isaaniitiinis karaan dhugaa ni arrabsama.
2PE 2:3 Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu.
2PE 2:4 Waaqni yeroo ergamoonni cubbuu hojjetanitti utuu isaanii hin hilin akka isaan guyyaa murtiitiif turfamaniif foncaadhaan dukkana keessatti hidhee gahaannamitti erga isaan darbatee,
2PE 2:5 utuu addunyaa duriitiif hin hilin Nohi isa qajeelummaa lallabu namoota biraa torba wajjin oolchee warra Waaqatti hin bulletti bishaan badiisaa erga fidee,
2PE 2:6 magaalaawwan Sodoomii fi Gomoraas hamma isaan daaraa taʼanitti gubuudhaan itti muree, fakkeenya waan warra Waaqaaf hin bulletti dhufuuf jiruu erga isaan godhee,
2PE 2:7 namicha qajeelaa jechuunis Looxi isa jireenya xuraaʼaa finciltootaatiin dhiphachaa ture sana erga badiisa oolchee,
2PE 2:8 namichi qajeelaan sun yeroo gidduu isaanii jiraachaa turetti guyyuma guyyaan fincila isaanii sana arguu fi dhagaʼuudhaan lubbuun isaa qajeeltuun sun isa keessatti dhiphachaa turtee,
2PE 2:9 wanni kun akkas taʼee Gooftaan akkamitti akka warra Waaqaaf bulan qorumsa keessaa baasuu fi akka itti warra jalʼaa hamma guyyaa murtiitti adabbiif tursu beeka.
2PE 2:10 Wanni kun keessumattuu warra hawwii foonii xuraaʼaa sana duukaa buʼanii fi warra abbootii taayitaa tuffatanitti ni cima. Namoonni kunneen ija jabeeyyii fi of tuultota; isaan ulfina qabeeyyii samii arrabsuu hin sodaatan;
2PE 2:11 ergamoonni iyyuu yoo isaan caalaa jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan iyyuu fuula Gooftaa duratti uumamawwan akkasii arrabsanii hin himatan.
2PE 2:12 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu. Isaan akkuma bineensota qalbii hin qabnee ti; akkuma uumamawwan miira isaaniitiin qajeelfaman kanneen qabamuu fi ajjeefamuu qofaaf dhalatanii ti; akkuma bineensonni sun badanitti jarris ni badu.
2PE 2:13 Miidhaa isaan hojjetaniif miidhaatu deebiʼaaf. Isaan guyyaa adiidhaan gara malee machaaʼuu akka gammachuutti fudhatu. Yeroo isin wajjin nyaataa fi dhugaatiitti dhiʼaatanittis isaan gowwoomsaa isaaniitiin gidduu keessanitti xurii fi waan fafaa taʼu.
2PE 2:14 Waan iji isaanii ejjaan guutameef isaan cubbuu hojjechuu hin dhiisan; warra hin jabaatin gowwoomsu; garaan isaanii doqnummaa barateera; isaan ijoollee abaaramanii dha!
2PE 2:15 Karaa qajeelaa dhiisanii karaa Balaʼaam ilma Bosoor isa gatii jalʼinaa jaallate sanaa duukaa buʼuuf karaa irraa badan.
2PE 2:16 Balaʼaam garuu sababii dogoggora isaatiif harreen isa ifatte; horiin duudaan afaan namaa dubbattee maraatummaa raajii sanaa ittifte.
2PE 2:17 Namoonni kunneen burqaa bishaan hin qabnee fi hurrii bubbeen oofamuu dha. Dukkanni limixiin isaaniif kaaʼameera.
2PE 2:18 Isaan dubbii faayidaa hin qabnee fi dubbii of tuulummaa odeessu; warra namoota jireenya dogoggoraa keessa jiraatan keessaa baqatanii baʼan hawwii foonii hamaadhaan gowwoomsu.
2PE 2:19 Isaan utuma ofii isaaniitii iyyuu garboota badiisaa taʼanii jiranuu birmadummaa isaan abdachiisu; namni tokko waan isa moʼate kamiifuu ni garboomaatii.
2PE 2:20 Isaan erga Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos beekuudhaan xuraaʼummaa addunyaa keessaa baʼanii booddee yoo amma illee deebiʼanii xuraaʼummaa sanaan qabamanii fudhataman haalli isaanii kan dhumaa isa jalqabaa sana caalaa hammaata.
2PE 2:21 Isaan karaa qajeelinaa beekanii ajaja qulqulluu isaanii kenname sanatti dugda galuu irra utuu duraanuu karaa qajeelinaa sana beekuu baatanii isaaniif wayya ture.
2PE 2:22 Mammaaksi, “Sareen diddiga isheetti deebiti” akkasumas, “Booyyeen dhiqamte dhoqqee keessa gangalachuu isheetti deebiti” jedhu sun isaan irratti mirkaneeffame.
2PE 3:1 Yaa michoota jaallatamoo, ani amma xalayaa lammaffaa isiniif barreessuu koo ti. Lamaan isaanii iyyuu keessatti isin yaadachiisuudhaan qalbii keessan qulqulluu sana nan kakaasa.
2PE 3:2 Isin dubbii dur raajota qulqulluudhaan dubbatamee fi ajaja Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenyaa kan karaa ergamoota keessaniitiin dubbatame sana akka yaadattan nan barbaada.
2PE 3:3 Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa.
2PE 3:4 Isaanis, “ ‘dhufaatiin’ inni waadaa gale kun meerre? Wanni hundinuu erga abbootiin keenya duʼanii jalqabee akkuma yeroo jalqaba uumamaatti itti fufeeraatii” jedhu.
2PE 3:5 Garuu isaan akka samiiwwan bara baayʼeen dura dubbii Waaqaatiin uumaman, akka laftis bishaan irraa fi bishaaniin tolfamte utuma beekanuu didan.
2PE 3:6 Addunyaan yeroo sanaas bishaanuma kanaan liqimfamee bade.
2PE 3:7 Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru.
2PE 3:8 Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.
2PE 3:9 Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
2PE 3:10 Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
2PE 3:11 Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu;
2PE 3:12 kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa.
2PE 3:13 Nu garuu akkuma waadaa isaatti samiiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.
2PE 3:14 Kanaafuu yaa michoota jaallatamoo, isinis sababii waanuma kana eeggataniif akka warra xurii fi hirʼina hin qabne, warra nagaan isa wajjin jiraatan taataniif yaalii isinii dandaʼame hunda godhaa.
2PE 3:15 Akkuma Phaawulos obboleessi keenya jaallatamaan sun ogummaa Waaqni kenneefiin isinii barreesse sana akka obsi Gooftaa keenyaa fayyina taʼe yaadatti qabadhaa.
2PE 3:16 Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu.
2PE 3:17 Kanaaf yaa michoota jaallatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beektaniif akka dogoggora finciltootaatiin fudhatamnii hundee jabaattanii irra dhaabattan irraa hin kufneef of eeggadhaa.
2PE 3:18 Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddadhaa. Ammas, bara baraanis ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
1JO 1:1 Nu waaʼee Dubbii jireenyaa kan jalqabaa kaasee ture, kan dhageenye, kan ija keenyaan argine, kan ilaallee fi kan harki keenyas qaqqabe kana labsina.
1JO 1:2 Jireenyi mulʼateera; nus isa argineerra; dhugaas ni baanaaf; nu jireenya bara baraa isa Abbaa wajjin turee fi isa nutti mulʼate sana isinitti labsina.
1JO 1:3 Akka isinis nu wajjin tokkummaa qabaattaniif waan arginee fi waan dhageenye isinitti labsina. Tokkummaan keenyas Abbaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos wajjin.
1JO 1:4 Nus akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf waan kana barreessina.
1JO 1:5 Ergaan nu isa irraa dhageenye, kan isinittis labsinu isa kana: Kunis akka Waaqni ifa taʼee fi akka dukkanni gonkumaa isa keessa hin jirree dha.
1JO 1:6 Nu isa wajjin tokkummaa qabna jennee yoo dukkana keessa deddeebine ni sobna; dhugaa sanaanis hin jiraannu.
1JO 1:7 Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.
1JO 1:8 Nu yoo cubbuu hin qabnu jenne of gowwoomsina; dhugaanis nu keessa hin jiru.
1JO 1:9 Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
1JO 1:10 Nu yoo cubbuu hin hojjennee jenne immoo sobduu isa goona; dubbiin isaas nu keessa hin jiru.
1JO 2:1 Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana.
1JO 2:2 Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.
1JO 2:3 Nu yoo ajaja isaa eegne, kanaan akka isa beekne ni beekna.
1JO 2:4 Namni, “Ani isa nan beeka” jedhu kan garuu ajaja isaa hin eegne kam iyyuu sobduu dha; dhugaanis isa keessa hin jiru.
1JO 2:5 Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna;
1JO 2:6 namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.
1JO 2:7 Yaa obboloota, ani ajaja moofaa isuma jalqabaa kaasee isin bira ture sana malee ajaja haaraa isinii hin barreessu. Ajajni moofaan kunis ergaadhuma isin dhageessan sana.
1JO 2:8 Taʼus ani ajaja haaraa tokko isiniif nan barreessa; sababiin isaas dukkanichi darbaa, ifni dhugaa immoo waan amma iyyuu ifaa jiruuf dhugaan isaa isa keessattii fi isin keessatti ni mulʼata.
1JO 2:9 Namni ani ifa keessa jira ofiin jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu amma illee dukkana keessa jira.
1JO 2:10 Namni obboleessa isaa jaallatu hundinuu ifa keessa jiraata; wanni isa gufachiisu tokko iyyuu isa keessa hin jiru.
1JO 2:11 Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira; dukkanuma keessa jiraatas; inni waan dukkanni sun isa jaamseef gara itti adeemu hin beeku.
1JO 2:12 Yaa ijoolle, cubbuun keessan sababii maqaa isaatiif waan isinii dhiifameef ani isiniifin barreessa.
1JO 2:13 Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif ani isiniifin barreessa. Yaa dargaggoota, isin waan isa hamaa sana moʼattaniif, ani isiniifin barreessa.
1JO 2:14 Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif, ani isiniifin barreessa. Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif, ani isiniifin barreessa. Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif, waan dubbiin Waaqaa isin keessa jiraatuuf, waan isa hamaa sanas moʼattaniif, ani isiniifin barreessa.
1JO 2:15 Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru.
1JO 2:16 Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti.
1JO 2:17 Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.
1JO 2:18 Yaa ijoolle, saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa ti; akka farri Kiristoos sun dhufu akkuma dhageessan sana ammuma iyyuu farroonni Kiristoos baayʼeen dhufaniiru. Kanaanis nu akka saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa taʼe beekna.
1JO 2:19 Isaan nu keessaa baʼan malee dhugumaan kan keenya hin turre. Utuu kan keenya taʼanii silaa nu biratti hafu turan; nu biraa deemuun isaanii garuu akka tokkoon isaanii iyyuu keenya hin taʼin mulʼise.
1JO 2:20 Isin garuu Isa Qulqulluu sanaan dibamtaniirtu; isin hundis dhugaa ni beektu.
1JO 2:21 Sababiin ani isinii barreessuuf waan isin dhugaa beektanii fi akka sobni tokko iyyuu dhugaa keessa hin jirres beektaniif malee waan isin dhugaa hin beekneef miti.
1JO 2:22 Nama Yesuus kun Kiristoos miti jedhee ganu malee sobduun eenyu ree? Namni akkasii farra Kiristoos; inni Abbaa fi Ilma ni gana.
1JO 2:23 Namni Ilma ganu kam iyyuu Abbaa illee hin qabu; namni waaʼee Ilmaa dhugaa baʼu hundinuu Abbaas qaba.
1JO 2:24 Wanni isin jalqabaa kaaftanii dhageessan sun isin keessa haa jiraatu. Yoo wanni jalqabaa kaaftanii dhageessan isin keessa jiraate, isinis Ilmaa fi Abbaadhaan ni jiraattu.
1JO 2:25 Wanni inni waadaa nuu gale kanaa dha; kunis jireenya bara baraa ti.
1JO 2:26 Ani waaʼee warra karaa irraa isin jalʼisuu yaalan sanaatiif waan kana isiniifin barreessa.
1JO 2:27 Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.
1JO 2:28 Ammas yaa ijoolle, akka yommuu inni mulʼatutti ija jabina qabaannuuf, akka nu guyyaa dhufaatii isaattis fuula isaa duratti hin qaanofneef isaan jiraadhaa.
1JO 2:29 Isin yoo akka inni qajeelaa taʼe beektan, akka namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu isa irraa dhalate ni beektu.
1JO 3:1 Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.
1JO 3:2 Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.
1JO 3:3 Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
1JO 3:4 Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu seeratti ni fincila; cubbuun finciluudhaatii.
1JO 3:5 Isin garuu akka inni cubbuu keenya balleessuudhaaf mulʼate ni beektu. Isa keessa cubbuun hin jiru.
1JO 3:6 Namni isaan jiraatu kam iyyuu cubbuu hin hojjetu. Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu isa hin argine yookaan isa hin beekne.
1JO 3:7 Yaa ijoolle, namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsin. Akkuma inni qajeelaa taʼe sana namni waan qajeelaa hojjetus qajeelaa dha.
1JO 3:8 Namni cubbuu hojjetu kan diiyaabiloos; diiyaabiloos jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Waaqaa hojii diiyaabiloos diiguudhaaf mulʼateetii.
1JO 3:9 Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Waaqaa isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Waaqa irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu.
1JO 3:10 Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen diiyaabiloos kanaan gargar baafamanii beekamu: Namni waan qajeelaa hin hojjenne yookaan obboleessa isaa hin jaallanne kam iyyuu kan Waaqaa miti.
1JO 3:11 Ergaan isin jalqabaa kaaftanii dhageessan isa, “Nu wal jaallachuu qabna” jedhuu dha.
1JO 3:12 Isin akka Qaayin isa kan isa hamaa sanaa taʼee obboleessa isaa ajjeese sanaa hin taʼinaa; inni maaliif obboleessa isaa ajjeese? Sababii hojiin isaa jalʼaa taʼee, kan obboleessa isaa immoo qajeelaa taʼeef.
1JO 3:13 Yaa obboloota ko, yoo addunyaan isin jibbe isin hin dinqin.
1JO 3:14 Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata.
1JO 3:15 Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu.
1JO 3:16 Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.
1JO 3:17 Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa?
1JO 3:18 Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.
1JO 3:19 Nus kan dhugaa taʼuu keenya kanaan beekna; fuula isaa durattis garaa keenya boqochiifna.
1JO 3:20 Yeroo garaan keenya nutti murutti Waaqni garaa keenya caalaa guddaa akka taʼe ni beeknaatii; inni waan hunda ni beeka.
1JO 3:21 Yaa michoota, yoo garaan keenya nutti muruu baate nu fuula Waaqaa duratti ija jabina qabna.
1JO 3:22 Nus sababii ajaja isaa eegnuu fi sababii waan isa gammachiisu hojjennuuf waan kadhannu hunda isa irraa ni arganna.
1JO 3:23 Ajajni isaas kana: kunis nu maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka amannuu fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannuuf.
1JO 3:24 Namni ajaja isaa eegu isa keessa jiraata; innis isa keessa jiraata. Kanaanis akka inni nu keessa jiraatu nu Hafuura inni nuu kenneen ni beekna.
1JO 4:1 Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.
1JO 4:2 Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti;
1JO 4:3 hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.
1JO 4:4 Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.
1JO 4:5 Isaan kan addunyaa ti; kanaaf wanni isaan dubbatanis kanuma addunyaa ti; addunyaanis isaan dhaggeeffata.
1JO 4:6 Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.
1JO 4:7 Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka.
1JO 4:8 Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.
1JO 4:9 Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera.
1JO 4:10 Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
1JO 4:11 Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.
1JO 4:12 Namni tokko iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; yoo wal jaallanne garuu Waaqni nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.
1JO 4:13 Inni waan Hafuura isaa irraa nuu kenneef nu akka isa keessa jiraannuu fi akka innis nu keessa jiraatu kanaan ni beekna.
1JO 4:14 Akka inni Fayyisaa addunyaa taʼuuf jedhee Abbaan Ilma isaa akka erge argineerra; dhugaa baanas.
1JO 4:15 Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.
1JO 4:16 Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.
1JO 4:17 Nus akka guyyaa murtiitti ija jabina qabaannuuf karaa kanaan jaalalli nu gidduutti guutuu taʼeera; nu addunyaa kana irratti Yesuusin fakkaannaatii.
1JO 4:18 Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.
1JO 4:19 Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.
1JO 4:20 Namni, “Ani Waaqa nan jaalladha” jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Waaqa hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu.
1JO 4:21 Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Waaqa jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.
1JO 5:1 Yesuus kun Kiristoos akka taʼe namni amanu hundinuu Waaqa irraa dhalate; namni Abbaa jaallatu hundinuus kan Abbaa irraa dhalates ni jaallata.
1JO 5:2 Nu yommuu Waaqa jaallannuu fi yommuu ajaja isaa eegnutti akka ijoollee Waaqaa jaallannu kanaan beekna.
1JO 5:3 Waaqa jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.
1JO 5:4 Namni Waaqa irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya.
1JO 5:5 Yesuus Ilma Waaqaa taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?
1JO 5:6 Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis Yesuus Kiristoos. Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin dhufne. Kanas Hafuuratu dhugaa baʼa; Hafuurri dhugaadhaatii.
1JO 5:7 Dhuga baatota sadiitu jira:
1JO 5:8 Isaanis Hafuura, bishaanii fi dhiiga; sadanuus walii galu.
1JO 5:9 Dhuga baʼumsa namaa ni fudhanna; dhuga baʼumsi Waaqaa garuu kana caalaa guddaa dha; dhuga baʼumsi kun isa Waaqni waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana.
1JO 5:10 Namni Ilma Waaqaatti amanu kam iyyuu dhuga baʼumsa kana garaa isaa keessaa qaba. Namni Waaqa hin amanne garuu waan isa Waaqni waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana hin amaniniif inni Waaqa sobduu godheera.
1JO 5:11 Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Waaqni jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira.
1JO 5:12 Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqaa hin qabne immoo jireenya hin qabu.
1JO 5:13 Isin warri maqaa Ilma Waaqaatti amantan jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif ani waan kana isinii barreessa.
1JO 5:14 Ija jabinni nu fuula Waaqaa duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.
1JO 5:15 Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.
1JO 5:16 Namni kam iyyuu utuu obboleessi isaa cubbuu gara duʼaatti hin geessine hojjetuu yoo arge Waaqa kadhachufii qaba; Waaqnis warra cubbuun isaanii gara duʼaatti isaan hin geessineef jireenya ni kenna. Cubbuun gara duʼaatti nama geessu jira; anis waan akkasiitiif inni haa kadhatu jechuu koo miti.
1JO 5:17 Jalʼinni hundinuu cubbuu dha; cubbuun gara duʼaatti nama hin geessines jira.
1JO 5:18 Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Waaqa irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu.
1JO 5:19 Nu ijoollee Waaqaa akka taane, addunyaan guutuunis toʼannaa isa hamaa sanaa jala akka jiru ni beekna.
1JO 5:20 Akkasumas akka Ilmi Waaqaa dhufee akka isa dhugaa taʼe sanas beeknuuf hubannaa nuu kenne ni beekna. Nus Ilma isaa isa dhugaa sana, jechuunis Yesuus Kiristoositti jirra. Inni Waaqa dhugaa ti; jireenya bara baraatis.
1JO 5:21 Yaa ijoolle, waaqota tolfamoo irraa of eegaa.
2JO 1:1 Jaarsicha irraa,
2JO 1:2 kunis sababii dhugaa nu keessa jiraatuu fi isa bara baraan nu wajjin jiraatu sanaatiif:
2JO 1:3 Ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqa Abbaa biraa, Yesuus Kiristoos Ilma Abbaa biraas, dhugaa fi jaalalaan nu wajjin ni taʼa.
2JO 1:4 Ani waan ijoollee kee keessaa tokko tokko akka isaan akkuma Abbaan nu ajajetti dhugaan jiraatan argeef baayʼee gammadeera.
2JO 1:5 Ammas yaa giiftii jaallatamtuu, ani ajaja durumaa jalqabee nuuf kenname sana malee ajaja haaraa siif barreessuutti hin jiru. Akka wal jaallannuufis sin kadhadha.
2JO 1:6 Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.
2JO 1:7 Gowwoomsitoonni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi farra Kiristoos.
2JO 1:8 Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa.
2JO 1:9 Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba.
2JO 1:10 Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa.
2JO 1:11 Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
2JO 1:12 Ani waanan isiniif barreessu baayʼee qaba; taʼus waraqaa fi qalamiitti fayyadamuu hin barbaadu. Qooda kanaa akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf ani gara keessan dhufee ifaan ifatti haasofnu abdiin qaba.
2JO 1:13 Ijoolleen obboleettii kee kan filatamte sanaas nagaa siif dhaamu.
3JO 1:1 Jaarsicha irraa,
3JO 1:2 Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha.
3JO 1:3 Obboloonni tokko tokko dhufanii akka ati dhugaaf amanamaa taatee fi akka ati dhugaadhaan jiraattu natti himnaan ani akka malee gammade.
3JO 1:4 Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.
3JO 1:5 Yaa michuu ko, yoo isaan keessummoota sitti taʼan illee ati waan obbolootaaf gootu keessatti amanamaa dha.
3JO 1:6 Isaan waaʼee jaalala keetii waldaa kiristaanaatti himaniiru. Maaloo haala Waaqatti toluun karaan isaanii irratti isaan gargaari.
3JO 1:7 Isaan Maqaa isaatiif jedhanii utuu ormoota irraa gargaarsa tokko illee hin argatin baʼaniiruutii.
3JO 1:8 Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna.
3JO 1:9 Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu.
3JO 1:10 Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa.
3JO 1:11 Yaa michuu ko, waan gaarii duukaa buʼi malee waan hamaa duukaa hin buʼin. Namni waan gaarii hojjetu kam iyyuu kan Waaqaa ti. Namni waan hamaa hojjetu garuu takkumaa Waaqa hin argine.
3JO 1:12 Namni hundi Dimeexiroosiif dhugaa baʼa; dhugaan mataan ishee iyyuu dhugaa baati. Nus dhugaa baanaaf; isinis akka dhuga baʼumsi keenya dhugaa taʼe ni beektu.
3JO 1:13 Ani waanan siif barreessu baayʼee qaba; garuu biirii fi qalamiidhaan barreessuu hin barbaadu.
3JO 1:14 Qooda kanaa ani dhiʼootti si arguuf abdii qaba; nus ifaan ifatti ni haasofna.
3JO 1:15 Nagaan siif haa taʼu. Michoonni as jiran nagaa siif dhaamu. Atis michoota achi jiran tokko tokkoon maqaa dhaʼiitii nagaa itti nuu himi.
JUD 1:1 Yihuudaa obboleessa Yaaqoob garbicha Yesuus Kiristoos irraa,
JUD 1:2 Araarri, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.
JUD 1:3 Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.
JUD 1:4 Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.
JUD 1:5 Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada.
JUD 1:6 Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera.
JUD 1:7 Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru.
JUD 1:8 Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.
JUD 1:9 Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
JUD 1:10 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu; waan isaan akkuma bineensota waa yaaduu hin dandeenyeetti miiraan hubatantu isaan balleessa.
JUD 1:11 Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra deeman; faayidaa argachuuf jedhanii dogoggora Balaʼaam keessa of buusan; fincila Qooraahiitiinis ni barbadaaʼan.
JUD 1:12 Namoonni kunneen utuma xuraaʼoo taʼanii jiranuu qaanii tokko malee cidha jaalalaa isin wajjin nyaatu; isaan tiksoota ofuma isaanii qofa sooranii dha. Isaan akkuma duumessa bokkaa hin qabne kan bubbeen asii fi achi oofuu ti; akkuma muka yeroo itti ija naqachuu qabutti ija dhabee buqqifamee dachaa lama duʼee ti.
JUD 1:13 Isaan warra akka dambalii galaanaa hoomacha qaanii isaanii baasanii dha; akkuma urjiiwwan asii fi achi jooran kanneen dukkanni limixiin hamma bara baraatti isaanii kaaʼamee ti.
JUD 1:14 Henook inni Addaam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: “Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa;
JUD 1:15 innis nama hundatti muruuf, warra Waaqaaf hin bulle kanneen karaa Waaqni hin jaallanneen waan Waaqni hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Waaqaaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa.”
JUD 1:16 Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.
JUD 1:17 Yaa michoota, isin garuu waan ergamoonni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duraan dursanii himan sana yaadadhaa.
JUD 1:18 Isaanis, “Qoostonni hawwii fedhii Waaqaatiin ala taʼe duukaa buʼan bara dhumaa keessa ni dhufu” isiniin jedhan.
JUD 1:19 Namoonni kunneen warra gargar baʼuu uuman, warra hawwii foonii duukaa buʼanii fi warra Hafuura Qulqulluu hin qabnee dha.
JUD 1:20 Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis kadhadhaa.
JUD 1:21 Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa.
JUD 1:22 Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;
JUD 1:23 Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.
JUD 1:24 Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
JUD 1:25 Fayyisaa keenya Waaqa tokkichaaf ulfinni, surraan, humnii fi taayitaan karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin bara hundumaan dura, amma, bara baraanis haa taʼu! Ameen.
REV 1:1 Kun mulʼata Yesuus Kiristoos, kan akka inni waan dhiʼootti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee Waaqni isaaf kennee dha. Innis ergamaa isaa gara garbicha isaa Yohannisitti ergee akka mulʼanni sun beekamu godhe;
REV 1:2 Yohannis isa waan arge hundumaa jechuunis dubbii Waaqaatii fi dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoos dhugaa baʼuu dha.
REV 1:3 Namni dubbii raajii kana dubbisu eebbifamaa dha; warri waan raajii sana keessatti barreeffame dhagaʼanii eeganis eebbifamoo dha; barichi dhiʼaateeraatii.
REV 1:4 Yohannis irraa,
REV 1:5 akkasumas Yesuus Kiristoos dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu. Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase,
REV 1:6 isa akka nu Waaqa isaatii fi Abbaa isaa tajaajilluuf mootummaa fi luboota nu taasise sanaaf ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu! Ameen.
REV 1:7 “Kunoo, inni duumessa wajjin dhufa; iji hundinuu, warri isa waraanan iyyuu isa ni argu;” saboonni lafaa hundinuus “sababii isaatiif ni wawwaatu.”
REV 1:8 Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
REV 1:9 Ani obboleessi keessan Yohannis dhiphina keessatti, mootummaa fi obsa Yesuus Kiristoos keessattis isin wajjin kan hirmaadhu sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoosiif Phaaximoos biyya bishaaniin marfamte irran ture.
REV 1:10 Anis guyyaa Gooftaatti Hafuuraanin ture; dugda koo duubaanis sagalee guddaa akka malakataa tokko nan dhagaʼe;
REV 1:11 sagaleen sunis, “Waan argitu kitaaba maramaa irratti barreessiitii gara waldoota kiristaanaa torbaniitti jechuunis Efesoonitti, Samirnaatti, Phergaamoonitti, Tiyaatiraatti, Sardeesitti, Filaadelfiyaattii fi Lodooqiyaatti ergi” jedhe.
REV 1:12 Anis sagalee natti dubbachaa ture sana ilaaluuf jedheen of irra gara gale. Ani yommuun of irra gara galetti baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torba nan arge;
REV 1:13 baattuuwwan ibsaa sana gidduus kan, “ilma namaa fakkaatu” tokkotu ture; innis uffata dheeraa miilla gaʼu uffatee, naannoo qoma isaatti immoo sabbata warqee hidhatee ture.
REV 1:14 Mataan isaatii fi rifeensi mataa isaa adii akka rifeensa hoolaa, adii akka cabbii ture; iji isaas akka arraba ibiddaa turte.
REV 1:15 Miilli isaas naasii boolla ibiddaa keessatti diimeffame fakkaata ture; sagaleen isaa immoo akkuma sagalee bishaan baayʼee ti.
REV 1:16 Harka isaa mirgaatiin urjiiwwan torba qabatee ture; afaan isaa keessaas goraadee qara lama qabutu baʼaa ture. Fuulli isaas biiftuu humna guutuun iftu fakkaata ture.
REV 1:17 Ani yommuun isa argetti akka nama duʼee miilla isaa jalattin kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa narra kaaʼee akkana naan jedhe: “Hin sodaatin. Ani kan Jalqabaatii fi kan Dhumaa ti.
REV 1:18 Isa jiraataa dhas; ani duʼeen ture; kunoo, bara baraa hamma bara baraatti nan jiraadha! Furtuu duʼaatii fi kan Siiʼoolis qaba.
REV 1:19 “Kanaafuu ati waan argite, waan amma jiruu fi waan gara fuulduraatti taʼu barreessi.
REV 1:20 Icciitiin urjiiwwan torbaa kanneen ati harka koo mirgaa keessatti argiteetii fi baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman torbanii isa kana: Urjiiwwan torban ergamoota waldaa kiristaanaa torbaa ti; baattuuwwan ibsaa torban immoo waldoota kiristaanaa torbanii dha.
REV 2:1 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Efesoonittiakkana jedhii barreessi: Inni urjiiwwan torba harka isaa mirgaatti qabatee baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetaman gidduu deddeebiʼu sun akkana jedha.
REV 2:2 Ani hojii kee, dadhabbii keetii fi obsaan dhaabachuu kee beeka. Akka ati calʼiftee namoota hamoo hin dhiifne, warra utuu ergamoota hin taʼin ergamoota ofiin jedhan qortee akka isaan sobduu taʼan mirkaneessites nan beeka.
REV 2:3 Ati maqaa kootiif jettee obsaan dhaabatteerta; rakkina obsiteerta; hin dadhabnes.
REV 2:4 Taʼus jaalala kee isa jalqabaa dhiisuu keetiif ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba.
REV 2:5 Kanaaf ati maal irraa akka kufte yaadadhu! Qalbii jijjiirradhuutii hojii kee kan duraa sana hojjedhu. Yoo ati qalbii jijjiirrachuu baatte immoo ani sittin dhufa; baattuu ibsaa keetiis iddoo isaatii nan fuudha.
REV 2:6 Garuu waan gaarii tokko qabda: Hojii Niqolaawotaa kan ani jibbu sana atis ni jibbita.
REV 2:7 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatu akka inni muka jireenyaa kan jannata Waaqaa keessa jiru irraa nyaatuuf mirga nan kennaaf.
REV 2:8 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Samirnaattiakkana jedhii barreessi: Inni Jalqabaatii fi inni Dhumaa, inni duʼee turee fi amma immoo jiraataa taʼe sun akkana jedha.
REV 2:9 Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti.
REV 2:10 Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.
REV 2:11 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Namni moʼatu duʼa lammaffaan hin miidhamu.
REV 2:12 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Phergaamoonittiakkana jedhii barreessi: Inni goraadee qaramaa afaan lamaa qabu sun akkana jedha.
REV 2:13 Ani iddoo ati jiraattu beeka; innis iddoo teessoon Seexanaa jiruu dha. Taʼus ati maqaa koo jabeessitee qabatteerta. Bara Antiiphaas dhuga baatuun koo amanamaan magaalaa keessan keessatti iddoo Seexanni jiraatutti ajjeefame illee ati amantii narratti qabdu hin dhiifne.
REV 2:14 Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaamduukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii.
REV 2:15 Akkasumas namoota barsiisa Niqolaawotaa duukaa buʼan tokko tokko of biraa qabda.
REV 2:16 Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola.
REV 2:17 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu. Nama moʼatuuf mannaa dhokfame irraa nan kenna. Akkasumas dhagaa adii maqaan haaraan irratti barreeffame tokko nan kennaaf; maqaa sanas namicha isa fudhatu sana malee namni tokko iyyuu hin beeku.
REV 2:18 “Ergamaa Waaqaa kan Waaqaa kan waldaa Kiristaanaa Tiyaatiraattiakkana jedhii barreessi: Ilmi Waaqaa inni iji isaa arraba ibiddaa fakkaatu, kan miilli isaa immoo naasii baqfamee qulqulleeffame fakkaatu sun akkana jedha.
REV 2:19 Ani hojii kee, jaalalaa fi amantii kee, tajaajilaa fi obsaan dhaabachuu kee beeka; akkasumas akka hojiin kee inni ammaa kun isa duraa caalu nan beeka.
REV 2:20 Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti.
REV 2:21 Ani akka isheen halalummaa ishee irraa qalbii jijjiirrattuuf yeroo kenneefiin ture; isheen garuu ni didde.
REV 2:22 Kanaafuu ani siree dhiphinaa irratti ishee nan gata; warra ishee wajjin ejjanis yoo isaan karaa ishee irraa qalbii jijjiirrachuu baatan rakkina guddaa keessa isaan nan buusa.
REV 2:23 Ijoollee ishee immoo dhaʼichaan nan ajjeesa. Waldoonni kiristaanaa hundinuus akka ani kalee fi onnee qoru ni beeku; anis tokkoo tokkoo keessaniif akkuma hojii keessaniitti gatii keessan isinii nan kenna.
REV 2:24 Isin warra Tiyaatiraa keessa jiraattan kanneen barsiisa ishee duukaa hin buʼinii fi warra barsiisa Seexanaa kan dhoksaa gad fagoo jedhamu sana hin baratiniin akkana nan jedha; ‘Ani baʼaa biraa isinitti hin feʼu;
REV 2:25 isin garuu hamma ani dhufutti waan qabdan sana jabeessaa qabadhaa.’
REV 2:26 Ani nama moʼatuuf, kan hamma dhumaattis fedhii koo guutuuf saboota irratti taayitaa nan kenna.
REV 2:27 ‘Inni bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha; akkuma qodaa supheettisisaan hurreessa;’ kunis akkuma ani itti Abbaa koo biraa taayitaa argadhe sanaan.
REV 2:28 Ani immoo bakkalcha barii nan kennaaf.
REV 2:29 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
REV 3:1 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Sardeesittiakkana jedhii barreessi: Inni Hafuurota Waaqaa torbaa fi urjiiwwan torba qabu sun akkana jedha. Ani hojii kee beeka; ati maqumaaf jirta malee duuteerta.
REV 3:2 Dammaqi! Ani fuula Waaqa kootii duratti hojiin kee guutuu taʼuu isaa hin argineetii waan duʼuu gaʼe sana jajjabeessi.
REV 3:3 Kanaafuu waan fudhattee fi waan dhageesse yaadadhu; waan dhageesse sanaaf ajajami; qalbiis jijjiirradhu. Yoo ati dammaquu baatte garuu ani akkuma hattuutti sitti nan dhufa; saʼaatii kamitti akka ani sitti dhufus ati hin beektu.
REV 3:4 Taʼu iyyuu ati namoota uffata isaanii hin xureessin muraasa Sardees keessaa qabda. Isaanis uffata adaadii uffatanii na wajjin ni deemu; isaan kanaaf warra malanii dha.
REV 3:5 Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi ergamoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa.
REV 3:6 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
REV 3:7 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Filaadelfiyaattiakkana jedhii barreessi: Inni qulqulluun, inni dhugaan, inni furtuu Daawit harka isaatii qabu, kan waan inni banu eenyu iyyuu cufuu hin dandeenyee fi waan inni cufus eenyu iyyuu banuu hin dandeenye sun akkana jedha.
REV 3:8 Ani hojii kee beeka. Kunoo, ani balbala banamaa namni cufuu hin dandeenye tokko fuula kee dura kaaʼeera. Akka ati humna xinnoo qabdus beeka; taʼus dubbii koo eegdeerta; maqaa koos hin ganne.
REV 3:9 Kunoo, ani warra waldaa Seexanaa taʼan kanneen utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhanii soban keessaa tokko tokko akka isaan dhufanii miilla kee irratti kufanii sagadanii fi akka isaan akka ani si jaalladhe beekan nan godha.
REV 3:10 Ajaja ani akka ati obsaan dhaabattuuf siif kenne sana waan eegdeef, anis saʼaatii qorumsaa kan warra lafa irra jiraatan qoruuf addunyaa guutuutti dhufuuf jiru sana irraa si oolcha.
REV 3:11 Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu.
REV 3:12 Nama moʼatus mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Waaqa kootii fi maqaa magaalaa Waaqa koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqa koo biraa samii irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa.
REV 3:13 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
REV 3:14 “Ergamaa Waaqaa kan waldaa kiristaanaa Lodooqiyaattiakkana jedhii barreessi: Ameen, inni amanamaan, dhuga baatuun dhugaatii fi jalqabaan uumama Waaqaa sun akkana jedha.
REV 3:15 Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture.
REV 3:16 Kanaafuu ati waan laphiitaateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera.
REV 3:17 Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu.
REV 3:18 Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa.
REV 3:19 Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.
REV 3:20 Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.
REV 3:21 Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf.
REV 3:22 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.”
REV 4:1 Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe.
REV 4:2 Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture.
REV 4:3 Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture.
REV 4:4 Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan.
REV 4:5 Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha.
REV 4:6 Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan.
REV 4:7 Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture.
REV 4:8 Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
REV 4:9 Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti,
REV 4:10 maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu:
REV 4:11 “Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”
REV 5:1 Anis harka mirga isa teessoo irra taaʼe sanaa irratti kitaaba maramaa keessaa fi duubaan itti barreeffamee chaappaa torbaan cufame tokko nan arge.
REV 5:2 Anis ergamaa Waaqaa isa jabaa sagalee guddaadhaan, “Chaappaa hiikuun, kitaaba maramaas banuun kan maluuf eenyu inni?” jedhee labsu tokko nan arge.
REV 5:3 Garuu namni tokko iyyuu samii keessaa yookaan lafa irraa yookaan lafa jalaa kitaaba maramaa banuu yookaan keessa isaa iyyuu ilaaluu hin dandeenye.
REV 5:4 Anis waan namni kitaaba maramaa banuun yookaan keessa isaa ilaaluun maluuf tokko iyyuu dhabameef baayʼisee nan booʼe.
REV 5:5 Ergasiis maanguddoota sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin! Kunoo, Leenci gosa Yihuudaa, Hiddi Daawit moʼateera. Inni kitaabicha maramaa banuu, chaappaa isaa torbanuus hiikuu ni dandaʼa” naan jedhe.
REV 5:6 Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha.
REV 5:7 Innis dhufee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa irraa kitaaba maramaa fudhate.
REV 5:8 Yommuu inni kitaaba maramaa sana fudhatettis uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddoonni digdamii afran fuula Hoolichaa duratti kufan. Tokkoon tokkoon isaanii baganaa qabu turan; isaanis miʼa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi kan ixaanni keessa guute harkaa qabu turan; ixaanni kunis kadhannaa qulqullootaa ti.
REV 5:9 Isaanis akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan; “Kitaaba maramaa fuudhuun, chaappaa kitaabicha maramaas hiikuun siif mala; sababiin isaas ati qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hunda keessaa, saba hunda keessaa, sanyii hunda keessaa, namoota dhiiga keetiin Waaqaaf bitteertaatii.
REV 5:10 Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta; isaanis lafa irratti ni moʼu.”
REV 5:11 Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan.
REV 5:12 Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!”
REV 5:13 Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe.
REV 5:14 Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran, “Ameen” jedhan; maanguddoonnis kufanii sagadan.
REV 6:1 Anis yommuu Hoolichi chaappaawwan torban keessaa isa jalqabaa banu nan arge. Ergasiis uumamawwan lubbuu qabeeyyii keessaa inni tokko sagalee akka kakawweetiin, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
REV 6:2 Anis nan ilaale; kunoo, fardi adiin tokko fuula koo dura ture! Inni farda sana yaabbates iddaa harkatti qabatee ture; gonfoonis ni kennameef; innis moʼachaa, ammas moʼachuuf baʼe.
REV 6:3 Yommuu Hoolichi chaappaa lammaffaa banettis uumamni jiraataan inni lammaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
REV 6:4 Fardi biraa daamaan tokkos ni dhufe. Isa fardicha yaabbatuufis akka inni nagaa lafa irraa balleessuu fi akka namoonni wal gorraʼan akka godhuuf humni kennameef; goraadeen guddaan tokkos ni kennameef.
REV 6:5 Yommuu Hoolichi chaappaa sadaffaa banettis uumamni jiraataan inni sadaffaan, “Kottu!” jechuu isaa nan dhagaʼe; nan ilaales; kunoo, fardi gurraachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus madaalii of harkaa qaba ture.
REV 6:6 Anis waan akka sagalee uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran gidduu dubbatame fakkaatu tokko, “Qamadiin safartuu tokkoo mindaa guyyaa tokkootiif, garbuun safartuu sadiis mindaa guyyaa tokkootiif haa taʼu; garuu zayitii fi daadhii wayinii hin miidhin!” jechuu isaa nan dhagaʼe.
REV 6:7 Yommuu Hoolichi chaappaa afuraffaa banetti sagalee uumama jiraataa afuraffaa kan, “Kottu!” jedhu nan dhagaʼe.
REV 6:8 Anis nan ilaale; kunoo, fardi daalachi tokko fuula koo dura ture! Inni fardicha yaabbatus maqaan isaa Duʼa jedhama ture; Siiʼoolis dugda duubaan itti dhiʼaatee isa duukaa buʼaa ture. Isaanis goraadeen, beelaan, balaa fi bineensota lafaatiin akka ajjeesaniif kurmaana lafaa irratti humni ni kennameef.
REV 6:9 Yommuu inni chaappaa shanaffaa banetti ani iddoo aarsaa jalatti lubbuuwwan warra sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa eegan sanaatiif gorraʼamanii nan arge.
REV 6:10 Isaanis sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, qulqullichaa fi dhugaa, ati warra lafa irra jiraatanitti utuu hin murin hamma yoomiitti turta? Hamma yoomiittis dhiiga keenyaaf haaloo hin baatu?” jedhanii iyyan.
REV 6:11 Tokkoo tokkoo isaaniitiifis uffanni adaadiin ni kenname; hamma lakkoobsi warra isaan wajjin tajaajilaniitii fi lakkoobsi obboloota isaanii kanneen akkuma isaaniitti ajjeefamuuf jiran sanaa guutamutti akka yeroo xinnoo obsan isaanitti himame.
REV 6:12 Yommuu inni chaappaa jaʼaffaa banettis nan arge. Sochii lafaa guddaa tokkotu ture. Aduun akka uffata gaddaa gurraachofte; jiʼis akkuma dhiigaa diimate;
REV 6:13 urjiiwwan samiis akkuma iji muka harbuu yommuu qilleensa jabaan raafamutti harcaʼu sana lafatti gad harcaʼan.
REV 6:14 Samiin akkuma kitaaba maramaatti marame; tulluu fi biyyi bishaaniin marfamtes iddoo isaaniitii buqqifaman.
REV 6:15 Mootonni lafa irraa, bulchitoonnii fi abbootiin duulaa, sooreyyii fi namoonni jajjaboonni, namoonni kaan hundi, garbas taʼu birmaduun holqa keessaa fi kattaawwan tulluuwwanii gidduutti dhokatan.
REV 6:16 Isaanis tulluuwwanii fi kattaawwan waammatanii akkana jedhu; “Nurratti kufaa; fuula isa teessoo irra taaʼu sanaatii fi dheekkamsa Hoolichaa duraa nu dhoksaa!
REV 6:17 Guyyaan dheekkamsa isaa guddaan sun gaʼeeraatii; egaa eenyutu guyyaa sana dura dhaabachuu dandaʼa ree?”
REV 7:1 Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge.
REV 7:2 Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee,
REV 7:3 “Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe.
REV 7:4 Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture.
REV 7:5 Gosa Yihuudaa keessaa 12,000, gosa Ruubeen keessaa 12,000, gosa Gaad keessaa 12,000,
REV 7:6 gosa Aasheer keessaa 12,000, gosa Niftaalem keessaa 12,000, gosa Minaasee keessaa 12,000,
REV 7:7 gosa Simiʼoon keessaa 12,000, gosa Lewwii keessaa 12,000, gosa Yisaakor keessaa 12,000,
REV 7:8 gosa Zebuuloon keessaa 12,000, gosa Yoosef keessaa 12,000, gosa Beniyaam keessaa 12,000 turan.
REV 7:9 Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan.
REV 7:10 Isaanis sagalee guddaadhaan, “Fayyinni kan Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼuutii fi kan Hoolichaati” jedhanii iyyan.
REV 7:11 Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan;
REV 7:12 akkanas jedhan: “Ameen! Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni, kabajni, humnii fi jabinni, bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen!”
REV 7:13 Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate.
REV 7:14 Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef. Inni immoo akkana naan jedhe; “Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru.
REV 7:15 Kanaafuu, “Isaan teessoo Waaqaa dura jiru; halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu; inni teessicha irra taaʼee jiru sunis isaan gidduu jiraata.
REV 7:16 ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan; siʼachis gonkumaa hin dheebotan. Aduun isaan hin dhaʼu;’ hoʼi finiinaanis isaan hin gubu.
REV 7:17 Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru tiksee isaanii ni taʼaatii; ‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’ ‘Waaqnis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ ”
REV 8:1 Yommuu Hoolichi chaappaa torbaffaa banetti gara walakkaa saʼaatii tokkoo samii keessa tasgabbiitu ture.
REV 8:2 Anis ergamoota fuula Waaqaa dura dhadhaabatan torban arge; isaaniifis malakanni torba ni kenname.
REV 8:3 Ergamaan biraa kan girgiraa warqee qabu tokko dhufee iddoo aarsaa bira dhaabate. Innis iddoo aarsaa warqee kan fuula teessichaa dura jiru sana irratti akka kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin dhiʼeessuuf ixaanni baayʼeen isaaf ni kenname.
REV 8:4 Aarri ixaana sanaas kadhannaa qulqullootaa wajjin harka ergamaa sanaa keessaa fuula Waaqaa duratti ol baʼe.
REV 8:5 Ergamaan sunis girgiraa fuudhee iddoo aarsaa irraa ibidda itti guutee lafatti gad darbate; ergasiis sagaleen kakawwee, balaqqeessaa fi sochii lafaa ni dhagaʼame.
REV 8:6 Ergamoonni Waaqaa torban warri malakata torban qabanis malakata afuufuuf ni qophaaʼan.
REV 8:7 Ergamaan jalqabaa malakata isaa afuufe; cabbii fi ibiddi dhiigaan makames lafatti gad darbatame. Lafti harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; muktis harka sadii keessaa harki tokko ni gubate; margi lalisaan hundinuus ni gubate.
REV 8:8 Ergamaan lammaffaanis malakata isaa afuufe; wanni tulluu guddaa fakkaatu kan ibiddaan gubachaa jiru tokkos galaanatti gad darbatame. Galaannis harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe;
REV 8:9 uumamawwan lubbuu qabeeyyiin galaana keessaa harka sadii keessaa harki tokko ni dhuman; dooniiwwan harka sadii keessaas harki tokko ni barbadaaʼan.
REV 8:10 Ergamaan sadaffaanis malakata isaa afuufe; urjiin guddaan akka gucaa bobaʼu tokkos samii irraa lafa dhaʼe; innis lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, burqaawwan bishaanii irrattis kufe;
REV 8:11 maqaan urjii sanaas “Hadheessaa” jedhama. Bishaan sunis harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼe; sababii bishaan sun hadheeffameefis namoonni baayʼeen bishaaniin dhuman.
REV 8:12 Ergamaan afuraffaanis malakata isaa afuufe; aduun harka sadii keessaa harki tokko, jiʼi harka sadii keessaa harki tokko, urjiinis harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kanaanis ifni isaanii harka sadii keessaa harki tokko ni dukkanaaʼe. Guyyaan harka sadii keessaa harki tokko akkasumas halkan harka sadii keessaa harki tokko ifa malee hafe.
REV 8:13 Anis ilaalee risaa samii walakkaa barrisaa sagalee guddaadhaan, “Sababii sagalee malakataa kan ergamoota biraa sadaniin dhageessifamuuf jiru sanaatiif warra lafa irra jiraataniif Wayyoo! Wayyoo! Wayyoo!” jedhee iyyu tokko nan dhagaʼe.
REV 9:1 Ergamaan shanaffaan malakata isaa afuufe; anis urjii samii irraa lafa dhaʼe tokko nan arge. Urjii sanaafis furtuun “Boolla Qilee” ni kenname.
REV 9:2 Yommuu inni Boolla Qilee sana banettis aarri tokko akkuma aara boolla ibiddaa guddaa keessaa baʼuutti ol baʼe. Aduu fi samiinis aara Boolla Qilee keessaa baʼu sanaan ni dukkanaaʼan.
REV 9:3 Aara sana keessaas hawwaannisa baayʼeetu lafatti yaaʼe; hawwaannisoota sanaafis taayitaan akka taayitaa torbaanqabaa lafaa ni kenname.
REV 9:4 Isaanis akka marga lafaa yookaan biqiltuu yookaan muka tokko illee miidhan utuu hin taʼin akka namoota adda isaanii irraa chaappaa Waaqaa hin qabaatin qofa miidhan ajajaman.
REV 9:5 Isaanis akka namoota sana jiʼa shan dhiphisaniif eeyyamameef malee akka jara ajjeesaniif miti. Dhiphinni kunis akkuma dhiphina isa yommuu torbaanqabaan nama iddutti dhiphatanii ti.
REV 9:6 Guyyoota sana keessa namoonni duʼa barbaadu; garuu hin argatan. Duʼuus ni hawwu; duuti garuu isaan baqata.
REV 9:7 Bifti hawwaannisoota sanaas fardeen duulaaf qopheeffaman fakkaata ture. Mataa isaaniittis waan akka gonfoo warqee kaaʼatanii turan; fuulli isaaniis fuula namaa fakkaata ture.
REV 9:8 Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata ture; ilkaan isaaniis ilkaan leencaa fakkaata ture.
REV 9:9 Isaanis maddaa maddaa sibiilaa fakkaatu qabu turan; sagaleen qoochoo isaaniis sagalee fardeenii fi gaariiwwan baayʼee kanneen gara duulaatti didichanii fakkaata ture.
REV 9:10 Isaanis akkuma torbaanqabaa eegee fi ilkee qabu turan; eegee isaanii keessaa immoo taayitaa ittiin jiʼa shan nama dhiphisan qabu turan.
REV 9:11 Isaanis mootii qabu turan; innis ergamaa Boolla Qilee ti; maqaan isaas afaan Ibraayisxiitiin Abadoon, afaan Giriikiin immoo Aphooliyoon jedhama ture.
REV 9:12 Wayyoon inni duraa darbeera; kunoo, wayyoowwan biraa lamatu dhufuuf jira.
REV 9:13 Ergamaan jaʼaffaanis malakata isaa afuufe; anis gaanfa afran kanneen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqaa dura jiru irraa sagalee tokko nan dhagaʼe.
REV 9:14 Sagaleen sunis ergamaa jaʼaffaa malakata qabu sanaan, “Ergamoota afran kanneen laga Efraaxiisi guddicha biratti hidhaman sana gad dhiisi” jedhe.
REV 9:15 Ergamoonni afran saʼaatii kanaaf, guyyaa kanaaf, jiʼaa fi waggaa kanaaf qopheeffamanii turanis sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko fixuuf gad dhiifaman.
REV 9:16 Baayʼinni loltoota fardeeniin duulanii miliyoona dhibba lama ture. Anis baayʼina isaaniis nan dhagaʼe.
REV 9:17 Anis mulʼata koo keessatti fardeenii fi namoota farda yaabbatan nan arge: Isaanis maddaa diimaa akka ibiddaa, sanpeerii fi keelloo akka dinyii qabu turan. Mataan fardeen sanaas mataa leencaa fakkaata ture; afaan isaanii keessaas ibidda, aaraa fi dinyiitu baʼe.
REV 9:18 Dhaʼicha sadan kanaan jechuunis ibidda, aaraa fi dinyii afaan isaaniitii baʼeen sanyiin namaa harka sadii keessaa harki tokko ni ajjeefame.
REV 9:19 Taayitaan fardeen sanaas afaan isaaniitii fi eegee isaanii keessa ture; eegeen isaanii akkuma bofaa mataa qaba tureetii; isaanis mataa sanaan nama miidhu turan.
REV 9:20 Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne.
REV 9:21 Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine.
REV 10:1 Anis utuu ergamaan Waaqaa inni jabaan biraa tokko samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis duumessa uffatee ture; mataa isaa irraan immoo sabbata Waaqaatu ture; fuulli isaa akka aduu, miilli isaas akka utubaa ibiddaa ture.
REV 10:2 Innis kitaaba maramaa xinnaa baname tokko harkatti qabatee ture. Miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaa immoo lafa irra dhaabee ture;
REV 10:3 innis akkuma leenca aaduutti sagalee guddaadhaan iyye. Yommuu inni iyyettis bakakkaawwan torban ni dubbatan.
REV 10:4 Yommuu bakakkaawwan torban dubbatanittis ani barreessuuf qophaaʼeen ture; garuu sagalee, “Waan bakakkaawwan torban jedhan sana chaappaan cufi malee hin barreessin” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe.
REV 10:5 Ergamaan ani utuu inni galaanaa fi lafa irra dhaabatuu argee ture sunis harka isaa mirgaa samiitti ol qabe.
REV 10:6 Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa samiiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; “Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru!
REV 10:7 Garuu guyyoota ergamaan torbaffaan malakata isaa afuufutti icciitiin Waaqaa akkuma inni raajota warra hojjettoota isaa taʼanitti labse sanatti ni raawwatama.”
REV 10:8 Sagaleen ani samii irraa dhagaʼee ture sun ammas deebiʼee, “Dhaqiitii kitaaba maramaa banamee ergamaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harka jiru sana fudhadhu” naan jedhe.
REV 10:9 Kanaafuu ani gara ergamichaa dhaqee akka inni kitaaba maramaa xinnaa sana naa kennuuf isa gaafadhe. Innis, “Fudhadhuutii nyaadhu; kitaabni kun garaa kee ni hadheessa; ‘afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa’” naan jedhe.
REV 10:10 Anis kitaaba maramaa xinnaa sana ergamicha harkaa fudhadhee nan nyaadhe. Innis afaan koo keessatti akkuma dammaa miʼaawe; erga ani nyaadhe garuu garaan koo ni hadheeffame.
REV 10:11 Ergasii immoo, “Ati waaʼee saba baayʼee, sanyii baayʼee, afaan baayʼeetii fi waaʼee mootota baayʼee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhamee natti himame.
REV 11:1 Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; “Dhaqiitii mana qulqullummaa Waaqaatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi.
REV 11:2 Oobdii mana qulqullummaatii ala taʼe garuu hin safarin; oobdiin sun waan Namoota Ormaatiif kennameef isa itti hin dabalin. Isaanis magaalaa qulqulluu sana jiʼa 42 lafatti dhidhiitu.
REV 11:3 Anis dhuga baatota koo lamaaniif humna nan kenna; isaanis uffata gaddaa uffatanii guyyaa 1,260 raajii ni dubbatu.”
REV 11:4 Isaan kunneenis mukkeen ejersaa lamaanii fi baattuuwwan ibsaa lamaan fuula Gooftaa lafaa dura dhaabatanii dha.
REV 11:5 Namni kam iyyuu isaan miidhuu yaallaan ibiddi afaan isaaniitii baʼee diinota isaanii ni balleessa. Kunis haala namni isaan miidhuu barbaadu kam iyyuu ittiin ajjeefamuu qabuu dha.
REV 11:6 Isaan yeroo raajii dubbatanitti akka bokkaan hin roobneef humna ittiin samii cufan qabu; akkasumas bishaanota dhiigatti geeddaruudhaa fi yeroo barbaadanitti dhaʼicha gosa hundaatiin lafa rukutuuf taayitaa qabu.
REV 11:7 Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas.
REV 11:8 Reeffi isaaniis daandii magaalaa guddoo irra ni ciciisa; magaalattiin kunis ishee hiikkaa hafuuraatiin Sodoomii fi Gibxi jedhamtu kan Gooftaan isaaniis itti fannifamee turee dha.
REV 11:9 Namoonni saba hunda keessaa, gosa hunda keessaa, afaanii fi sanyii hunda keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaa reeffa isaanii ilaalu; akka hin awwaalamnes ni dhowwu.
REV 11:10 Raajonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu.
REV 11:11 Guyyaa sadii fi walakkaa booddee garuu hafuurri jireenyaa Waaqa biraa dhufee isaan seene; isaanis kaʼanii miilla isaaniitiin dhaabatan; warri isaan arganis akka malee sodaatan.
REV 11:12 Isaanis sagalee guddaa, “As ol kottaa!” isaaniin jedhu tokko samii irraa dhagaʼan. Utuma diinonni isaanii ilaalanuus duumessaan gara samiitti ol baʼan.
REV 11:13 Yeroo sanattis sochii lafaa guddaa isaatu ture; magaalaan sunis kudhan keessaa tokko ni barbadaaʼe. Namoonni kumni torbas sochii lafaa sanaan dhuman; warri hafan immoo sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan.
REV 11:14 Wayyoon lammaffaan darbeera; kunoo, wayyoon sadaffaan dafee ni dhufa.
REV 11:15 Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture.
REV 11:16 Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan;
REV 11:17 akkanas jedhan: “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, Kan jirtuu fi kan turte, ati humna kee isa guddaa fudhattee waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina.
REV 11:18 Saboonni ni aaran; dheekkamsi kees dhufeera. Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.”
REV 11:19 Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.
REV 12:1 Mallattoon guddaan tokko samii keessatti mulʼate: dubartii biiftuu uffattee miilla ishee jalaa jiʼa qabdu kan mataa ishee irraa gonfoo urjiiwwan kudha lamaa qabdu tokkotu ture.
REV 12:2 Isheenis ulfa turte; yommuu daʼumsi ishee gaʼettis ciniinsuudhaan qabamtee iyyite.
REV 12:3 Mallattoon biraas samii keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture.
REV 12:4 Eegeen isaas urjiiwwan samii irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate.
REV 12:5 Isheen ilma bokkuu sibiilaatiin saba hundumaa bulchuuf jiru tokko deesse; daaʼimni ishees gara Waaqaatti, gara teessoo isaattis ol butame.
REV 12:6 Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Waaqni isheef qopheesseetti baqatte.
REV 12:7 Lollis samii keessatti kaʼe. Miikaaʼelii fi ergamoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi ergamoonni isaas of irraa lolan.
REV 12:8 Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan samii keessaa sana ni dhaban.
REV 12:9 Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa diiyaabiloos yookaan Seexana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; ergamoonni isaas isa wajjin darbataman.
REV 12:10 Anis sagalee guddaa tokko samii keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “Amma fayyinni, humnii fi mootummaan Waaqa keenyaa, taayitaan Kiristoos isaas dhufeera. Himataan obboloota keenyaa inni halkanii guyyaa fuula Waaqaa duratti, isaan himatu sun gad darbatameeraatii.
REV 12:11 Isaanis dhiiga Hoolichaatiin, dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan; isaan hamma duʼaatti illee taanaan lubbuu isaanii hin mararfanne.
REV 12:12 Kanaafuu yaa samiiwwan, isin warri isaan keessa jiraattanis gammadaa! Garuu yaa lafaa fi yaa galaana isiniif wayyoo! Diiyaabiloos gara keessanitti gad buʼeeraatii! Innis akka yeroo gabaabaa qabu waan beekuuf baayʼee aareera.”
REV 12:13 Bineensi jawwee fakkaatu sunis yommuu akka lafatti gad darbatame argetti, dubartittii daaʼima dhiiraa deesse sana ariʼachuu jalqabe.
REV 12:14 Dubartittiin garuu akka gara gammoojjii iddoo isheef qopheeffametti boficha jalaa barriftuuf, achittis baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif akka gabbifamtuuf baalleen risaa guddaan lama isheedhaaf ni kenname.
REV 12:15 Bofichis akka dubartittiin lolaadhaan fudhatamtuuf jedhee dugda ishee duubaan bishaan akka lagaa afaan isaa keessaa dhangalaase.
REV 12:16 Lafti garuu afaan bantee laga bineensi jawwee fakkaatu sun afaan isaa keessaa dhangalaase sana liqimsuudhaan dubartittii gargaarte.
REV 12:17 Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Waaqaa eeganii fi warra dhuga baʼumsa Yesuus jabeessanii qabatanii dha.
REV 13:1 Bineensi jawwee fakkaatu sunis cirracha galaanaa irra dhaabate. Bineensa tokkos utuu inni galaana keessaa baʼuu nan arge. Innis gaanfa kudhanii fi mataa torba qaba ture; gaanfawwan isaa irratti gonfoo kudhan, tokkoo tokkoo mataa isaa irratti immoo maqaa arrabsoo qaba ture.
REV 13:2 Bineensi ani arge sunis qeerransa fakkaata ture. Miilli isaa miilla amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata ture. Bineensi jawwee fakkaatu sunis humna isaa, teessoo isaatii fi taayitaa guddaas bineensichaaf kenne.
REV 13:3 Mataa bineensichaa torban keessaa inni tokko waan madaa duʼa fidu qabu fakkaata ture; madaan duʼa fidu sun garuu fayyee ture. Addunyaan guutuunis dinqisiifatee bineensicha duukaa buʼe.
REV 13:4 Namoonni sababii inni taayitaa isaa bineensa sanaaf kenneef bineensa jawwee fakkaatu sanaaf ni sagadan; akkasumas, “Kan akka bineensichaa eenyuu? Eenyutus lola isatti kaasuu dandaʼa?” jedhanii bineensichaaf sagadan.
REV 13:5 Akka bineensichi dubbii of tuulummaatii fi arrabsoo dubbatuuf afaan ni kennameef; jiʼa afurtamii lamaaf akka ittiin hojjetuufis taayitaan isaaf kenname.
REV 13:6 Innis Waaqa arrabsuuf, Waaqaa fi iddoo jireenya isaa, akkasumas warra samii keessa jiraatan maqaa balleessuuf jedhee afaan banate.
REV 13:7 Akka inni qulqullootatti waraana kaasee isaan moʼatuufis humni ni kennameef. Gosa hunda, saba hunda, afaanii fi sanyii hunda irrattis taayitaan ni kennameef.
REV 13:8 Warri lafa irra jiraatan hundinuu jechuunis warri maqaan isaanii erga addunyaan uumamee jalqabee kitaaba jireenyaa kan Hoolicha qalame sanaa keessatti hin galmeeffamin hundinuu bineensichaaf ni sagadu.
REV 13:9 Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.
REV 13:10 “Namni boojiʼamuuf jiru kam iyyuu inni ni boojiʼama. Namni goraadeedhaan ajjeefamuuf jiru kam iyyuu goraadeedhaan ni ajjeefama.” Kunis obsaa fi amanamummaa qulqullootaa argisiisa.
REV 13:11 Bineensa biraas utuu inni lafa keessaa baʼuu nan arge. Innis akka hoolaa gaanfa lama qaba ture; akka bineensa jawwee fakkaatuuttis dubbata ture.
REV 13:12 Innis taayitaa bineensicha jalqabaa hundaan fuula isaa duratti hojjechaa ture; akka laftii fi warri lafa irra jiraatan bineensicha jalqabaa isa madaan duʼa fidu fayyeef sanaaf sagadanis godhe.
REV 13:13 Innis hamma akka ibiddi samii irraa lafatti gad buʼu godhutti ija namaa duratti dinqii gurguddaa hojjete.
REV 13:14 Mallattoo akka inni iddoo bineensichi jalqabaa jirutti hojjetuuf eeyyamameef sanaanis namoota lafa irra jiraatan ni gowwoomse. Akka isaan ulfina bineensicha goraadeedhaan madaaʼee ergasii immoo jiraate sanaatiif fakkii dhaaban ajaje.
REV 13:15 Fakkiin bineensa jalqabaa sunis akka dubbachuu dandaʼuu fi warra fakkii sanaaf sagaduu didan hundas akka ajjeesisuuf bineensi inni lammaffaan akka fakkii sanaaf lubbuu kennuuf humni kennameef.
REV 13:16 Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise;
REV 13:17 kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef.
REV 13:18 Ogummaan as jira. Lakkoobsichi waan lakkoobsa namaa taʼeef namni hubannaa qabu kam iyyuu lakkoobsa bineensichaa haa herregu. Lakkoobsi isaas 666.
REV 14:1 Anis nan ilaale; kunoo, Hoolichi Tulluu Xiyoon irra dhaabachaa ture; namoonni 144,000, kanneen maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffames isa wajjin turan.
REV 14:2 Anis sagalee akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaa samii irraa nan dhagaʼe. Sagaleen ani dhagaʼe sunis akka sagalee baganaa kan namoonni baganaa taphatan dhageessisanii ture.
REV 14:3 Isaanis fuula teessichaa duratti, fuula uumamawwan lubbuu qabeeyyii afraniitii fi fuula maanguddootaa duratti faarfannaa haaraa tokko faarfatan. Faarfannaa sanas namoota 144,000 warra lafa irraa furaman sana malee namni tokko iyyuu barachuu hin dandeenye.
REV 14:4 Isaan kunneen waan qulqullinaan of eegganiif warra dubartootaan of hin xureessinii dha. Isaanis iddoo Hoolichi dhaqu hundumatti isa duukaa buʼu. Sanyii namaa keessaas hangafa taʼanii Waaqaa fi Hoolichaaf ni furaman.
REV 14:5 Sobni tokko iyyuu afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan mudaa hin qaban.
REV 14:6 Anis ergamaa biraa kan warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba hundatti, gosa hundatti, afaanii fi sanyii hundatti lallabuuf jedhee wangeela bara baraa qabatee samii walakkaa barrisu tokko nan arge.
REV 14:7 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa.”
REV 14:8 Ergamaan lammaffaanis itti aansee, “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin’ isheen akka sabni hundi daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhugu goote sun kufteerti” jedhe.
REV 14:9 Ergamaan Waaqaa inni sadaffaanis isaanitti aansee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Namni kam iyyuu bineensichaa fi fakkii isaatiif yoo sagade, mallattoo isaas adda isaa irratti yookaan harka isaa irratti yoo fudhate,
REV 14:10 innis akkasuma daadhii wayinii dheekkamsa Waaqaa isa utuu homtuu itti hin makamin xoofoo aarii isaatti buufame irraa ni dhuga. Fuula ergamoota qulqullootaatii fi fuula Hoolichaa durattis ibiddaa fi dinyiidhaan ni dhiphata.
REV 14:11 Aarri dhiphina isaaniis bara baraa hamma bara baraatti ol baʼa. Warri bineensichaa fi fakkii isaatiif sagadan yookaan warri mallattoo maqaa isaa fudhatan hundi halkanii guyyaa boqonnaa hin qabaatan.”
REV 14:12 Kun obsa qulqulloota ajaja Waaqaa eeganiitii fi Yesuusiif amanamanii jiraatanii gaafata.
REV 14:13 Anis sagalee, “Waan kana barreessi: Siʼachi warri utuu Gooftaadhaan jiranuu duʼan eebbifamoo dha” jedhu tokko samii irraa nan dhagaʼe. Hafuurri Qulqulluunis, “Eeyyee; hojiin isaaniis waan isaan duukaa buʼuuf isaan dadhabbii isaanii irraa ni boqotu” jedha.
REV 14:14 Anis nan ilaale; kunoo, duumessa adii tokkotu ture; inni “ilma namaa fakkaatu” tokkos gonfoo warqee mataa isaatti kaaʼatee, haamtuu qaramaa harkatti qabatee duumessa irra taaʼee ture.
REV 14:15 Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaatii baʼee sagalee guddaadhaan isa duumessa irra taaʼe sanaan, “Midhaan lafaa waan bilchaateef, yeroon haamaas waan gaʼeef haamtuu kee fudhadhuutii haami” jedhee iyye.
REV 14:16 Kanaafis inni duumessa irra taaʼe sun haamtuu isaa lafatti dhaabe; laftis ni haamamte.
REV 14:17 Ergamaan Waaqaa kan biraas mana qulqullummaa isa samii keessaatii baʼe; innis akkasuma haamtuu qaramaa qaba ture.
REV 14:18 Ammas ergamaan Waaqaa kan biraa inni ibidda irratti taayitaa qabu tokko iddoo aarsaa biraa dhufee, sagalee guddaadhaan ergamaa haamtuu qaramaa qabu sanaan, “Hurbuun wayinii waan bilchaateef haamtuu kee qaramaa sana fudhadhuutii hurbuu wayinii lafaa walitti qabi” jedhe.
REV 14:19 Ergamichis haamtuu isaa lafatti dhaabe; hurbuu wayinii lafaas walitti qabee gara iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa Waaqaa isa guddaatti darbate.
REV 14:20 Isaanis iddoo cuunfaa wayinii kan magaalaan ala jiru keessatti dhidhiitaman; iddoo cuunfaa sana keessaas dhiigni hamma luugama fardaatti ol kaʼee fageenya gara kiiloo meetira 300 lolaʼe.
REV 15:1 Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman.
REV 15:2 Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Waaqni isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan.
REV 15:3 Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan: “Yaa Waaqa Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu, hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha. Yaa Mootii sabootaa, karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha.
REV 15:4 Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? Si qofatu qulqulluudhaatii. Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, saboonni hundinuu ni dhufu; fuula kee durattis ni sagadu.”
REV 15:5 Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni samii jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname.
REV 15:6 Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan.
REV 15:7 Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne.
REV 15:8 Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.
REV 16:1 Anis sagalee guddaa, ergamoota torbaniin, “Dhaqaatii, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqaa torban keessaa lafa irratti dhangalaasaa” jedhu tokko mana qulqullummaa keessaa nan dhagaʼe.
REV 16:2 Ergamaan Waaqaa inni jalqabaa dhaqee waciitii isaa keessaa lafa irratti dhangalaase; namoota mallattoo bineensichaa of irraa qabanii fi fakkii isaatiif sagadanittis madaan hamaanii fi dhukkubsaan ni yaaʼe.
REV 16:3 Ergamaan lammaffaan waciitii isaa keessaa galaanatti dhangalaase; galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe; lubbuu qabeeyyiin galaana sana keessaa hundinuus ni duʼan.
REV 16:4 Ergamaan sadaffaan waciitii isaa keessaa lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase; isaanis dhiiga taʼan.
REV 16:5 Ergamaan bishaanota irratti itti gaafatamummaa qabus utuu akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Yaa Isa Qulqulluu, kan jirtu, kan turte, sababii wantoota kanneen murteessiteef, ati qajeelaa dha;
REV 16:6 Waan isaan dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga raajotaa dhangalaasaniif, ati immoo akka isaan dhuganiif dhiiga isaaniif kenniteerta; kun isaaniif ni malaatii.”
REV 16:7 Anis utuu iddoon aarsaa, “Eeyyee yaa Waaqayyo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, murtiin kee dhugaa fi qajeelaa dha” jedhuu nan dhagaʼe.
REV 16:8 Ergamaan afuraffaanis waciitii isaa keessaa aduu irratti dhangalaase; aduudhaafis akka isheen ibiddaan nama gubduuf humni ni kenname.
REV 16:9 Namoonnis hoʼa guddaa sanaan ni gubatan; maqaa Waaqa dhaʼicha kanneen irratti humna qabu sanaas ni abaaran; qalbii jijjiirrachuu fi ulfina isaaf kennuus ni didan.
REV 16:10 Ergamaan shanaffaanis waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti dhangalaase; mootummaan bineensichaas dukkanaan liqimfame. Namoonnis dhiphachuudhaan arraba isaanii cicciniinan;
REV 16:11 sababii dhukkubbii fi madaa isaaniitiifis Waaqa samii ni abaaran; garuu hojii isaanii irraa qalbii hin jijjiirranne.
REV 16:12 Ergamaan jaʼaffaanis waciitii isaa keessaa Efraaxiis lagicha guddaa irratti dhangalaase; bishaan laga sanaas mootota Baʼa Biiftuutii dhufaniif akka karaan qopheeffamuuf ni goge.
REV 16:13 Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge.
REV 16:14 Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha.
REV 16:15 “Kunoo, ani akka hattuutti nan dhufa! Namni akka qullaa hin deemneef, akka qaaniin isaas hin mulʼanneef dammaqee uffata isaa eeggatu eebbifamaa dha.”
REV 16:16 Isaanis iddoo afaan Ibraayisxiitiin Armaageedon jedhamutti mootota sana walitti qaban.
REV 16:17 Ergamaan torbaffaanis waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti dhangalaase; sagaleen guddaan, “Raawwatameera!” jedhu tokkos mana qulqullummaatii teessoo keessaa baʼe.
REV 16:18 Ergasiis balaqqeen, sagaleen, kakawweetii fi sochiin lafaa hamaan tokko ni taʼe. Sochiin lafaa kan akkanaas erga namni lafa irra jiraachuu jalqabee kaasee takkumaa taʼee hin beeku; sochiin lafaa sunis akka malee guddaa ture.
REV 16:19 Magaalattiin guddoon iddoo sadiitti gargar qoodamte; magaalaawwan sabootaas ni kufan. Waaqnis Baabilon Guddittii ni yaadate; xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa sodaachisaadhaan guutames ni kenneef.
REV 16:20 Biyyoonni bishaaniin marfaman hundinuu ni baqatan; tulluuwwanis argamuu hin dandeenye.
REV 16:21 Dhagaan cabbii gurguddaan tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraamii afurtamii shanii ulfaatu samii irraa namoota irra bubbuʼe. Dhaʼichi sunis waan akka malee hamaa tureef namoonni sababii dhaʼicha cabbii sanaatiif Waaqa ni abaaran.
REV 17:1 Ergamoota torban waciitiiwwan torba qaban keessaa inni tokko gara koo dhufee akkana naan jedhe; “Kottu! Adaba sagaagaltittii guddittii ishee bishaanota baayʼee irra teessu sana irratti raawwatamuuf jiru sittin argisiisaa.
REV 17:2 Mootonni lafaa ishee wajjin sagaagalaniiru; warri lafa irra jiraatanis daadhii wayinii sagaagala isheetiin machaaʼaniiru.”
REV 17:3 Ergamaan Waaqaa sunis Hafuura Qulqulluudhaan na fuudhee gammoojjiitti na geesse. Achittis dubartii bineensa bildiimaa maqaa arrabsootiin guutame tokko irra teessu nan arge; bineensichis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture.
REV 17:4 Dubartittiinis uffata dhiilgee fi bildiimaa uffattee warqeen, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamtee turte. Harka isheettis xoofoo warqee kan waan jibbisiisaa fi xuraaʼummaa sagaagala isheetiin guutame qabattee turte.
REV 17:5 Adda ishee irrattis maqaan icciitii kan akkana jedhu tokko barreeffamee ture: Baabilon Guddittii, Haadha Sagaagaltootaa fi, Haadha waan Jibbisiisaa Lafaa.
REV 17:6 Akka dubartittiin dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga warra Yesuusiif dhugaa baʼaniitiin machoofte nan arge. Anis yommuu ishee argetti baayʼeen dinqifadhe.
REV 17:7 Ergamichis akkana naan jedhe; “Ati maaliif dinqifatta? Icciitii dubartittii fi icciitii bineensicha ishee baatu kan mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu sanaa sitti nan hima.
REV 17:8 Bineensi ati argite sun dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu Boolla Qilee keessaa ol baʼee gara badiisa isaa ni dhaqa. Warri lafa irra jiraatan kanneen maqaan isaanii uumama addunyaatii jalqabee kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin yommuu bineensicha arganitti ni dinqisiifatu; sababiin isaas bineensichi dur ture; amma garuu hin jiru; booddee garuu ni dhufa.
REV 17:9 “Kunis sammuu ogummaa qabu gaafata. Mataawwan torban sunis tulluuwwan torban dubartittiin irra teessuu dha.
REV 17:10 Akkasumas mataawwan torban sun mootota torba. Isaan keessaas shan kufaniiru; inni tokko jira; inni kaan immoo amma illee hin dhufne; yommuu dhufutti garuu yeroo gabaabaaf turuu qaba.
REV 17:11 Bineensichi duraan turee amma immoo hin jirre sun mootii saddeettaffaa dha. Inni mootota torban keessaa tokkoo dha; gara badiisa isaas ni dhaqa.
REV 17:12 “Gaanfawwan kurnan ati argite sun mootota kurnan warra amma illee mootummaa hin argatinii dha; taʼus isaan bineensicha wajjin saʼaatii tokko akka moototaatti moʼuuf taayitaa ni fudhatu.
REV 17:13 Isaanis yaaduma tokko qabu; humna isaaniitii fi taayitaa isaaniis dabarsanii bineensichaaf ni kennu.
REV 17:14 Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.”
REV 17:15 Ergamaan sunis akkana naan jedhe; “Bishaanonni ati argite kanneen sagaagaltittiin irra teessu sun saboota, namoota, sanyiiwwanii fi afaanota.
REV 17:16 Bineensichii fi gaanfawwan kurnan ati argite sun sagaagaltittii ni jibbu. Isaanis ishee onsanii qullaa ishee hambisu; foon ishee ni nyaatu; ibiddaanis ishee gubu.
REV 17:17 Isaanis hamma dubbiin Waaqaa fiixaan baʼutti walii galuudhaan taayitaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennuudhaan akka kaayyoo Waaqaa raawwataniif Waaqni yaada kana garaa isaanii keessa kaaʼeeraatii.
REV 17:18 Dubartittiin ati argite sun magaalattii guddoo mootota lafaa bulchituu dha.”
REV 18:1 Ergasiis utuu ergamaan biraa samii irraa gad buʼuu nan arge. Innis taayitaa guddaa qaba ture; ulfina isaatiinis lafti ni ifte.
REV 18:2 Innis akkana jedhee sagalee guddaadhaan iyye: “ ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin kufteerti!’ Lafa jireenya hafuurota hamoo, lafa qubata hafuurota xuraaʼoo hundaa, iddoo jireenya simbirroota xuraaʼoo, iddoo jireenya bineensota xuraaʼoo fi jibbisiisoo hundaa taateerti.
REV 18:3 Saboonni hundinuus, daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhuganiiruutii. Mootonni lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru; daldaltoonni addunyaas qananii ishee guddaa sanaan sooromaniiru.”
REV 18:4 Sagalee biraas samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “ ‘Yaa saba ko, isin akka cubbuu ishee keessatti hin hirmaanneef, balaa ishee irra gaʼus akka hin qoodanneef, kottaa ishee keessaa baʼaa;’
REV 18:5 cubbuun ishee hamma samiitti ol tuulameeraatii; Waaqnis yakka ishee yaadateera.
REV 18:6 Akkuma isheen kennitetti isinis isheef kennaa; akkuma hojii isheettis dachaa lama godhaatii isheef deebisaa. Xoofoo isheen itti bulbultettis dachaa lama godhaatii isheef bulbulaa.
REV 18:7 Hammuma isheen ulfina ofii kennitee qananii guddaadhaan jiraatte sana, qixxeedhuma isaa dhiphinaa fi gadda isheef kennaa. Isheenis garaa ishee keessatti, ‘Ani akka mootittii tokkootti nan taaʼa; ani haadha hiyyeessaa miti; gonkumaas hin gaddu’ jettee of jajji.
REV 18:8 Kanaafuu dhaʼichi garaa garaa jechuunis, duuti, gaddii fi beelli guyyuma tokkotti ishee irra ni gaʼa. Waaqni Gooftaan isheetti murteessu sun waan jabaa taʼeef, isheen ibiddaan ni gubamti.
REV 18:9 “Mootonni lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi warri qananii guddaadhaan ishee wajjin jiraatan yommuu aara gubamuu ishee arganitti isheef ni booʼu; ni wawwaatus.
REV 18:10 Isaanis dhiphina ishee waan sodaataniif fagoo dhaabatanii, “ ‘Wayyoo! Wayyoo! Yaa magaalaa guddittii, yaa Baabilon magaalattii jabduu! Badiin kee saʼaatuma tokko keessatti dhufeeraatii!’ jedhu.
REV 18:11 “Daldaltoonni lafaas siʼachi waan namni tokko iyyuu miʼa daldala isaanii hin binneef isheef ni booʼu; ni wawwaatus.
REV 18:12 Miʼi daldala isaaniis warqee, meetii, dhagaawwan gatii guddaatii fi lula, uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee, uffata haarriitii fi bildiimaa, muka urgaaʼaa gosa hundaa, miʼa ilka arbaa irraa hojjetame hunda, miʼa muka gatii guddaa irraa hojjetame hunda, miʼa naasii irraa hojjetame hunda, miʼa sibiilaatii fi miʼa dhagaa adii irraa hojjetame hundaa fi
REV 18:13 qarafaa fi urgooftuu, ixaana, qumbii, haphee urgaaʼaa, daadhii wayiniitii fi zayitii ejersaa, daakuu bullaaʼaa fi qamadii, loowwanii fi hoolota, fardeenii fi gaariiwwan, akkasumas garbootaa fi lubbuuwwan namootaa faʼa.
REV 18:14 “Isaanis, ‘Iji waan ati hawwite sanaa si duraa badeera. Badhaadhummaa fi bareedinni kee hundinuu sirraa badeera; gonkumaas deebitee hin argattu’ isheedhaan jedhu.
REV 18:15 Daldaltoonni miʼa kanneen gurguratanii ishee irraa badhaadhummaa argatanis dhiphina ishee sodaatanii fagoo dhaabatu. Isaanis booʼaa, wawwaachaas,
REV 18:16 sagalee guddaadhaan akkana jedhu: “ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii; yaa ishee uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame, uffata dhiilgee fi uffata bildiimaa uffatte, yaa ishee warqeedhaan, dhagaa gatii guddaatii fi lulaan miidhagfamte!
REV 18:17 Badhaadhummaan guddaan akkanaa saʼaatuma tokko keessatti barbadaaʼe!’ “Ajajjuun doonii hundinuu, warri dooniin imala deeman hundinuu, warri doonii irra hojjetanii fi warri galaana irra hojjechuun jiraatan hundinuu fagaatanii ni dhaabatu.
REV 18:18 Isaan yommuu aara gubamuu ishee arganitti, ‘Magaalaan akka magaalaa guddittii kanaa jiraattee beektii?’ jedhanii iyyu.
REV 18:19 Isaanis awwaara mataatti firfirfatanii booʼaa, wawwaachaas akkana jedhanii iyyu: “ ‘Wayyoo! Wayyoo, yaa magaalaa guddittii, yaa ishee warri galaana irraa dooniiwwan qaban hundinuu qabeenya isheetiin sooroman! Ishee saʼaatuma tokko keessatti barbadoofte!’
REV 18:20 “Yaa samii kufaatii isheetti gammadi! Isin sabni Waaqaa gammadaa! Ergamoonnii fi raajonni gammadaa! Waaqni ishee irratti isiniif mureeraatii.”
REV 18:21 Ergamaan jabaan tokkos dhagaa hamma dhagaa daakuu gaʼu tokko fuudhee galaanatti gad darbatee akkana jedhe: “Baabilon magaalaa guddittiin, akkasuma furguggifamtee ni darbatamti; gonkumaas deebitee hin argamtu.
REV 18:22 Sagaleen warra baganaa fi muuziiqaa taphatanii, sagaleen warra ulullee fi malakata afuufanii siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu. Ogeessi hojii harkaa tokko iyyuu, siʼachi si keessatti hin argamu. Sagaleen dhagaa daakuus, siʼachi si keessatti hin dhagaʼamu.
REV 18:23 Ifni ibsaa, lammata si keessatti hin ifu. Sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, lammata si keessatti hin dhagaʼamu. Daldaltoonni kee namoota gurguddaa addunyaa turan. Falfala keetiin sabni hundinuu gowwoomfameera.
REV 18:24 Dhiigni raajotaatii fi dhiigni qulqullootaa, dhiigni warra lafa irratti gorraʼaman hundumaas ishee keessatti argame.”
REV 19:1 Kana booddee waan akka huursaa sagalee tuuta namootaa guddaa tokko samii irraa nan dhagaʼe; innis akkana jedha: “Haalleluuyaa! Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Waaqa keenyaa ti;
REV 19:2 murtiin isaa dhugaa fi qajeelaadhaatii. Inni sagaagaltittii guddoo, ishee sagaagaltummaa isheetiin lafa xureessite sanatti mureera; dhiiga garboota isaatiifis isheetti haaloo baʼeera.”
REV 19:3 Ammas, “Haalleluuyaa! Aarri ishees bara baraa hamma bara baraatti ol ni baʼa” jedhanii iyyan.
REV 19:4 Maanguddoonni digdamii afranii fi uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran kufanii Waaqa teessoo irra taaʼee jiru sanaaf sagadan; sagalee guddaadhaanis, “Ameen; Haalleluuyaa!” jedhan.
REV 19:5 Ergasiis sagaleen, “Isin garboonni isaa hundinuu, warri isa sodaattan, xinnaanis guddaanis, Waaqa keenya jajadhaa” jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe.
REV 19:6 Anis utuu sagaleen akka sagalee tuuta nama baayʼee, akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaan tokko akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Haalleluuyaa! Waaqni keenya Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu moʼeeraatii.
REV 19:7 Kottaa ni gammannaa; ni ililchinas; ulfinas isaaf ni kennina! Yeroon fuudha Hoolichaa gaʼeeraatii; misirrittiin isaas of qopheessiteerti.
REV 19:8 Akka uffattuufis uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame, adii fi qulqulluun isheedhaaf kennameera.” Uffanni haphiin quncee talbaa irraa hojjetame sun hojii qulqullootaa isa qajeelaa sana argisiisa.
REV 19:9 Ergamaan Waaqaa sunis, “ ‘Warri gara irbaata cidha fuudha Hoolichaatti affeeraman eebbifamoo dha!’ jedhii barreessi” naan jedhe; innis, “Dubbiin kun dubbii Waaqaa isa dhugaa dha” naan jedhe.
REV 19:10 Anis isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irrattin kufe. Inni garuu akkana naan jedhe; “Naaf hin sagadin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee warra Yesuusiif dhugaa baʼan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi! Dhuga baʼumsi Yesuus hafuura raajiitii.”
REV 19:11 Anis samii baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas.
REV 19:12 Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba.
REV 19:13 Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Waaqaa jedhama.
REV 19:14 Loltoonni samii irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan.
REV 19:15 Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; “Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha.” Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita.
REV 19:16 Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.
REV 19:17 Ergamaa tokkos utuu inni aduu irra dhaabatuu nan arge; innis sagalee guddaadhaan simbirroota samii walakkaa barrisanitti akkana jedhee iyye; “Kottaa, irbaata Waaqaa isa guddaaf walitti qabamaa;
REV 19:18 kunis akka isin foon moototaa, foon ajajjoota waraanaa, foon namoota jajjaboo, foon fardeeniitii fi foon warra farda yaabbatanii akkasumas foon nama hundaa jechuunis foon nama birmaduu taʼeetii fi garbaa, foon xinnaatii fi guddaa nyaattaniif.”
REV 19:19 Yeroo sanas bineensichi, mootonni lafaatii fi loltoonni isaanii namicha farda yaabbatu sanaa fi loltoota isaatti waraana kaasuuf jedhanii utuu walitti qabamanuu nan arge.
REV 19:20 Bineensichi garuu ni qabame; raajichi sobaa kan fuula bineensichaa duratti hojiiwwan dinqii hojjechaa ture sunis isa wajjin qabame. Innis hojiiwwan dinqii kanneeniin warra mallattoo bineensichaa fudhatanii fi warra fakkii isaatiif sagadan ni gowwoomse. Isaan lachuu utuma lubbuun jiranuu haroo ibiddaa kan dinyiidhaan bobaʼu keessatti gad darbataman.
REV 19:21 Warri hafan immoo goraadee afaan isa farda yaabbatu sanaa keessaa baʼeen ajjeefaman; allaattiin hundinuus foon isaanii nyaatanii quufan.
REV 20:1 Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge.
REV 20:2 Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe.
REV 20:3 Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba.
REV 20:4 Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan.
REV 20:5 Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti.
REV 20:6 Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
REV 20:7 Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama;
REV 20:8 innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti.
REV 20:9 Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.
REV 20:10 Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu.
REV 20:11 Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne.
REV 20:12 Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
REV 20:13 Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate.
REV 20:14 Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti.
REV 20:15 Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame.
REV 21:1 Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu.
REV 21:2 Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge.
REV 21:3 Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; “Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa.
REV 21:4 Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.”
REV 21:5 Inni teessoo sana irra taaʼes, “Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!” jedhe; innis, “Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi” naan jedhe.
REV 21:6 Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna.
REV 21:7 Inni moʼu waan kana hunda ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼaaf; innis ilma koo ni taʼa.
REV 21:8 Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti.”
REV 21:9 Ergamoota torban warra waciitii torban dhaʼicha dhumaa torbaniin guutaman qaban keessaas inni tokko dhufee, “Kottu, misirrittii niitii Hoolichaa sitti nan argisiisaatii” naan jedhe.
REV 21:10 Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin samii keessaa Waaqa biraa gad buutuu natti argisiise.
REV 21:11 Isheenis ulfina Waaqaatiin ni ibsiti turte; cululuqni ishees akkuma cululuqa dhagaa gatii guddaa, akka dhagaa yaasphiidii qulqulluu akka bilillee ture.
REV 21:12 Magaalattiinis dallaa guddaa fi ol dheeraa karra kudha lama qabu qabdi turte. Karrawwan sana irras ergamoota kudha lamatu dhaabatee ture; karra kudha lamaan sana irrattis maqaan gosoota Israaʼel kudha lamaanii barreeffamee ture.
REV 21:13 Karaa baʼa biiftuutiin karra sadii, karaa kaabaatiin karra sadii, karaa kibbaatiin karra sadii, karaa lixa biiftuutiinis karra sadiitu ture.
REV 21:14 Dallaan magaalattiis hundee kudha lama qaba ture; hundeewwan sana irrattis maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaanii barreeffamee ture.
REV 21:15 Ergamaan natti dubbate sunis magaalattii, karrawwan isheetii fi dallaawwan ishee safaruudhaaf ulee safartuu kan warqee qaba ture.
REV 21:16 Magaalaan sunis golee afur qabdi turte; dheerinni isheetii fi garaan ishee wal qixxee ture. Ergamaan sunis ulee isaatiin magaalattii safare; balʼinni ishees gara kiiloo meetira 2,200 taʼe; dheerinni ishee, garaan isheetii fi ol dheerinni ishees wal qixxee ture.
REV 21:17 Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safara namaa kan ergamichi ittiin safaraa ture sanaatti dhundhuma 144 taʼe.
REV 21:18 Dallaan sun dhagaa yaasphiidiitiin ijaarame; magaalaan sun immoo warqee qulqulluu akka bilillee qulqulluu taʼeen ijaaramte.
REV 21:19 Hundeewwan dallaa magaalaa sanaas dhagaa gatii guddaa gosa hundumaatiin miidhagfaman. Hundeen jalqabaa yaasphiidiin, lammaffaan sanpeeriin, sadaffaan keelqedooniin, afuraffaan immoo maragdiin miidhagfame;
REV 21:20 Inni shanaffaan sardooniksiin, jaʼaffaan sardiyooniin, torbaffaan kiristolobeen, saddeettaffaan biiraleen, saglaffaan wuraawureen, kurnaffaan kirisphiraasisiin, kudha tokkoffaan yaakintiin, kudha lammaffaan immoo ametiisxinosiin miidhagfame.
REV 21:21 Karrawwan kudha lamaan lula kudha lama turan; tokkoon tokkoon karra sanaas lula tokko irraa hojjetame. Daandiin magaalaa sanaas warqee qulqulluu akkuma bilillee keessaan waa argamuu ti.
REV 21:22 Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishee waan taʼaniif ani magaalattii keessatti mana qulqullummaa tokko illee hin argine.
REV 21:23 Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Waaqaa ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti.
REV 21:24 Saboonni ifa isheetiin deddeebiʼu; mootonni lafaas ulfina isaanii gara isheetti fidu.
REV 21:25 Sababii halkan achi hin jirreef karrawwan magaalattii gonkumaa guyyaa tokko iyyuu hin cufaman.
REV 21:26 Ulfinaa fi kabaja sabootaa gara ishee ni fidu.
REV 21:27 Warra maqaan isaanii kitaaba jireenyaa kan Hoolichaa keessatti galmeeffame malee wanni xuraaʼaan tokko iyyuu yookaan namni waan jibbisiisaa hojjetu yookaan namni nama sobu kam iyyuu magaalaa sana hin seenu.
REV 22:1 Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise;
REV 22:2 bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture.
REV 22:3 Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu.
REV 22:4 Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama.
REV 22:5 Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.
REV 22:6 Ergamaan Waaqaa sunis, “Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha. Gooftaan, Waaqni hafuurota raajotaa sun waan dafee taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee ergamaa isaa ergeera” naan jedhe.
REV 22:7 “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Namni dubbii raajii kitaaba kana keessa jiruu eegu eebbifamaa dha.”
REV 22:8 Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti ergamaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe.
REV 22:9 Inni garuu, “Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee raajota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi!” naan jedhe.
REV 22:10 Inni akkana naan jedhe; “Sababii yeroon sun dhiʼaateef dubbii raajii kitaaba kanaa chaappaadhaan hin cufin.
REV 22:11 Jalʼaan jalʼina isaatti haa fufu; xuraaʼaan xuraaʼummaa isaatti haa fufu; qajeelaanis qajeelummaa isaatti haa fufu; qulqulluun immoo qulqullummaa isaatti haa fufu.”
REV 22:12 “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.
REV 22:13 Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.
REV 22:14 “Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha.
REV 22:15 Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu.
REV 22:16 “Ani Yesuus, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf ergamaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawit, Bakkalcha Barii kan ifuu dha.”
REV 22:17 Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.
REV 22:18 Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala.
REV 22:19 Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.
REV 22:20 Inni waan kana dhugaa baʼus, “Eeyyee, ani dafee nan dhufa” jedha. Ameen. Yaa Gooftaa Yesuus kottu.
REV 22:21 Ayyaanni Gooftaa Yesuus qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.
