﻿Ermiyaas.
45.
Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas raajichi Baarukitti himes kanaa dha: 
“Yaa Baaruk, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana siin jedha: 
ati, ‘Anaaf wayyoo! Waaqayyo dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette. 
Waaqayyo akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Waaqayyo akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa. 
Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Waaqayyo.’ ” 
