﻿Isaayyaas.
15.
Raajii waaʼee Moʼaab: Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti! Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; halkanuma tokkottis baddeerti! 
Diiboon gara mana qulqullummaatti, iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa; Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa. Mataan hundinuu haadamaa dha; areedni hundinuus cicciramaa dha. 
Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu; bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti hundi isaanii ni booʼu; imimmaan isaaniis ni dhangalaasu. 
Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu; sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame. Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu; lubbuun isaaniis ni romʼite. 
Garaan koo Moʼaabiif iyya; kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti, hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu. Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu; karaa Hooronaayim irrattis, waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu. 
Bishaanonni Niimriim goganiiru; margis coollageera; biqiltuuwwan lafaa badaniiru; wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne. 
Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu. 
Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame; wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame. 
Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru; ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida; warra Moʼaab keessaa baqatan kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga. 
