﻿Isaayyaas.
12.
Ati gaafas akkana jetta: “Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte; aariin kees narraa deebiʼeera; na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha. 
Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti; ani isa nan abdadha; hin sodaadhus. Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.” 
Isin burqaa fayyinaa keessaa gammachuudhaan bishaan waraabbattu. 
Isin bara sana keessa akkana jettu: “Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa; waan inni hojjete sabootatti beeksisaa; akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa. 
Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa; wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu. 
Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatii sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.” 
