﻿Fakkeenya.
19.
Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya. 
Namni beekumsa hin qabne gaarii miti; miilli jarjarus karaa irraa jalʼata. 
Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa; garaan isaa immoo Waaqayyotti aara. 
Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa. 
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessuus jalaa hin baʼu. 
Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti. 
Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu isaan eessattuu hin argaman. 
Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa. 
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; namni soba odeessus ni bada. 
Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree? 
Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina. 
Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti. 
Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; niitiin nyakkiftunis akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti. 
Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna. 
Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa. 
Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata; kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa. 
Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa. 
Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin. 
Namni dafee aaru adabamuu qaba; ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda. 
Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; dhuma irratti ati nama ogeessa taata. 
Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti. 
Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya. 
Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa; yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu. 
Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaattis hin deebifatu! 
Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa; nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii. 
Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, ilma qaanii fi salphina fiduu dha. 
Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi; ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa. 
Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata; afaan hamootaa immoo hammina liqimsa. 
Qoostotaaf adabbii, dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama. 
