﻿Fakkeenya.
18.
Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma. 
Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada. 
Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa. 
Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha. 
Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti. 
Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama. 
Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti. 
Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa. 
Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti. 
Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola. 
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu. 
Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa. 
Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha. 
Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa? 
Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada. 
Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa. 
Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata. 
Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha. 
Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti. 
Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta. 
Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu. 
Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata. 
Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna. 
Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira. 
