﻿Fakkeenya.
12.
Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata; kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha. 
Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata; Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura. 
Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu; qajeelaan garuu hin buqqifamu. 
Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti. 
Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha; gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha. 
Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf riphee nama eeggata; haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa. 
Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman; manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata. 
Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama; namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama. 
Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko, nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala. 
Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada; hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina. 
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu. 
Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu; hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa. 
Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama; namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa. 
Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama; hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa. 
Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa. 
Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama; namni hubataan garuu arrabsoo tuffata. 
Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna; dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti. 
Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana; arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa. 
Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata. 
Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira; warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu. 
Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu; hamoonni rakkinaan guutamu. 
Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada. 
Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata; gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu. 
Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa. 
Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa. 
Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa; karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa. 
Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata. 
Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira; daandii sana irra duuti hin jiru. 
