﻿Fakkeenya.
10.
Fakkeenyawwan Solomoon: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa. 
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa. 
Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu; hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa. 
Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa. 
Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha. 
Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa. 
Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa; maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada. 
Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada. 
Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama. 
Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada. 
Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa. 
Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga. 
Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti; uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa. 
Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu; afaan gowwaa garuu badiisa waama. 
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti. 
Mindaan qajeeltotaa jireenya; galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa. 
Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema; namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa. 
Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu, kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha. 
Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa. 
Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba. 
Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu. 
Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa; inni rakkina tokko illee itti hin dabalu. 
Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata; namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada. 
Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa; hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf. 
Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu; qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu. 
Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha. 
Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa; umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata. 
Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa; wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada. 
Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha; nama jalʼaaf garuu badiisa. 
Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman; hamoonni garuu lafa irratti hin hafan. 
Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni jalʼaan garuu ni kutama. 
Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata; afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata. 
