﻿Fakkeenya.
4.
Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa; qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa. 
Ani barumsa gaarii isinii nan kenna; kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa. 
Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti, yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti, 
inni akkana jedhee na barsiise; “Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu; seera koo eegi; ati ni jiraattaatii. 
Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu; dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin. 
Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii; ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii. 
Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu. 
Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii; isa hammadhu; innis si kabajaatii. 
Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi; gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.” 
Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu; barri jireenya keetiis ni baayʼataa. 
Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha; daandii qajeelaa irras sin buusa. 
Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu; yoo fiigdu illee ati hin gufattu. 
Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin; waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu. 
Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin. 
Irraa fagaadhu; irras hin deemin; irraa goriitii karaa kee irra qajeeli. 
Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii; isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan. 
Isaan buddeena hamminaa nyaatu; daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu. 
Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti. 
Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekan. 
Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu; dubbii kootiifis gurra kenni. 
Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu; 
inni warra isa argatuuf jireenya, dhagna namaa guutuufis fayyinaatii. 
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii. 
Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi. 
Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali. 
Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu; karaan kee hundinuu haa jabaatu. 
Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin; miilla kee hammina irraa eeggadhu. 
