﻿Faarfannaa.
150.
Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa. 
Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa. 
Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa; 
dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa. 
Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa. 
Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.
