﻿Faarfannaa.
149.
Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa. 
Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu. 
Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu. 
Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii; warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa. 
Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan. 
Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu; 
kunis sabootatti haaloo baʼuu fi namoota adabuudhaaf; 
mootota isaanii foncaan, hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf, 
murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. Haalleluuyaa. 
