﻿Faarfannaa.
147.
Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha! 
Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba. 
Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha. 
Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama. 
Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu. 
Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata. 
Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa. 
Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha. 
Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna. 
Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu; 
Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada. 
Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu. 
Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa. 
Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa. 
Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata. 
Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa. 
Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa? 
Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu. 
Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera. 
Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa. 
