﻿Faarfannaa.
141.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi. Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi. 
Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu; harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu. 
Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi; balbala afaan kootiis naa eegi. 
Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin, hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf, gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin; akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin. 
Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii; inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti. Mataan koo waan kana hin didu. Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha. 
Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu; isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii. 
Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana, lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu. 
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu; ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin. 
Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa, kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi. 
Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman; ani garuu nagumaan nan baʼa. 
