﻿Faarfannaa.
136.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii. 
Waaqa waaqotaatiif galata galchaa. 
Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa: 
inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta; 
inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume; 
inni bishaanota irratti lafa diriirse; 
inni ifa gurguddaa hojjete; 
inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe; 
inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe; 
inni hangafa Gibxi dhaʼe; 
inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase; 
harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase; 
inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode; 
inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse; 
Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe; 
inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse; 
inni mootota gurguddaa dhaʼe; 
inni mootota jajjaboo fixe; 
inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese; 
inni Oogi mootii Baashaan ajjeese; 
inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; 
dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne; 
Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate; 
inni harka diinota keenyaatii nu baase, 
inni uumama hundaaf soora kenna; 
Waaqa samiitiif galata galchaa. 
