﻿Faarfannaa.
132.
Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, Daawitii fi rakkina inni obse hundumaa yaadadhu. 
Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege: 
“Ani mana koo ol hin seenu; yookaan siree kootti ol hin baʼu. 
Ani ija kootiif hirriba, baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu; 
kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti, Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.” 
Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye; Yaaʼaarittis isa arganne: 
“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa; ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa. 
‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu; atii fi taabonni jabina keetiis kottaa. 
Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan; qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ” 
Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii, dibamaa kee hin gatin. 
Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera; inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu: “Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa; 
yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan, ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.” 
Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii; akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera: 
“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti; kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha. 
Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa. 
Luboota isheetti fayyina nan uffisa; qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu. 
“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha; dibamaa koofis ibsaa qopheesseera. 
Diinota isaatti qaanii nan uffisa; gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.” 
