﻿Faarfannaa.
130.
Faarfannaa ol baʼuu. Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha; 
yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi. Gurri kees sagalee waammata koo xiyyeeffatee haa dhagaʼu. 
Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee, yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa? 
Garuu dhiifamni si bira jira; kanaaf ati ni sodaatamta. 
Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; dubbii isaas nan abdadha. 
Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa, dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa lubbuun koo Gooftaa eeggatti. 
Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu; Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne, furiin guutuunis ni jiraatii. 
Inni mataan isaa cubbuu isaanii hundumaa irraa Israaʼelin ni fura. 
