﻿Faarfannaa.
129.
Faarfannaa ol baʼuu. Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; 
isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne. 
Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan. 
Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.” 
Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan. 
Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan; 
namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu. 
Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin. 
