﻿Faarfannaa.
124.
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, 
utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti, 
yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan; 
lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture; 
bishaan hamaan nu fudhatee bada ture. 
Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu. 
Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane. 
Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti. 
