﻿Faarfannaa.
121.
Faarfannaa Ol baʼuu. Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa? 
Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa. 
Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu; 
dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus. 
Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa; 
guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu. 
Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega; 
Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega. 
