﻿Faarfannaa.
115.
Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni. 
Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu? 
Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta. 
Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha. 
Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan; 
gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan; 
harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman. 
Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu. 
Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. 
Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. 
Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti. 
Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa; 
inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa. 
Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu. 
Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu. 
Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera. 
Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan; 
nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa. 
