﻿Faarfannaa.
111.
Haalleluuyaa. Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti, garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha. 
Hojiin Waaqayyoo guddaa dha; warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan. 
Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata. 
Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera; Waaqayyo arjaa fi gara laafessa. 
Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna; kakuu isaas bara baraan ni yaadata. 
Lafa saboota kaanii isaaniif kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera. 
Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha; ajajni isaa hundinuus amanamaa dha. 
Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu; amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu. 
Inni saba isaatiif furii ergeera; kakuu isaas bara baraan ajajeera; maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha. 
Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata. 
