﻿Faarfannaa.
100.
Faarfannaa Galataa. Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa. 
Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa; faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. 
Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; isattu nu uume; nu kan isaa ti; nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha. 
Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa. 
Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa. 
