﻿Faarfannaa.
99.
Waaqayyo moʼeera; saboonni haa hollatan; inni kiirubeel gidduu, teessoo isaa irra taaʼa; lafti haa raafamtu. 
Waaqayyo Xiyoon keessatti guddaa dha; inni saboota hunda irra ol ol jedheera. 
Isaan maqaa kee guddichaa fi sodaachisaa sana haa jajan; inni qulqulluu dha. 
Mootichi humna qabeessa; inni murtii qajeelaa jaallata; ati tola hundeessiteerta; Yaaqoob keessattis haqaa fi qajeelummaa hojjetteerta. 
Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa; ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; inni qulqulluu dha. 
Musee fi Aroon luboota isaa keessa turan; Saamuʼeelis warra maqaa isaa waammatan keessa ture; isaan Waaqayyoon waammatan; innis deebii kenneef. 
Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate; isaanis sirna isaatii fi seera inni isaaniif kenne eegan. 
Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, ati deebii isaanii kennite; ati balleessaa isaanii adabdu illee, Israaʼeliif Waaqa dhiifama gootu turte. 
Waaqa keenya Waaqayyoon leellisaa; tulluu isaa qulqulluu irrattis waaqeffadhaa; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa qulqulluudhaatii. 
