﻿Faarfannaa.
95.
Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa. 
Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu. 
Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha. 
Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti. 
Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume. 
Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa; 
inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan, 
akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa; 
abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan. 
Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen. 
Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe. 
