﻿Faarfannaa.
93.
Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus. 
Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; ati durii duriitii jalqabdee jirta. 
Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru; galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru; galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru. 
Sagalee bishaan baayʼee caalaa, jabina dhaʼaa galaanaa caalaas, Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa. 
Seerri kee jabaatee ni dhaabata; Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan faaya mana keetii ti. 
