﻿Faarfannaa.
91.
Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota. 
Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha. 
Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, dhukkuba nama fixu jalaas si baasa. 
Inni baallee isaatiin si dhoksa; atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa. 
Atis naasuu halkanii, yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu; 
golfaa dukkana keessa deemu, yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu. 
Kumni tokko si cinatti, kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; garuu sitti hin dhiʼaatu. 
Ati ijuma kee qofaan ilaalta; adaba hamootatti dhufus ni argita. 
Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu, Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef, 
wanni hamaan si hin tuqu; dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu. 
Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja; 
isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef harka isaaniitiin ol si fuudhu. 
Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta. 
Waaqayyos akkana jedha; “Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega. 
Inni na waammata; anis nan deebisaaf; rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf. 
Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; fayyisuu koos isatti argisiisa.” 
