﻿Faarfannaa.
67.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu; 
kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf. 
Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan. 
Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, saboota lafa irraas waan geggeessituuf, saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan. 
Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; saboonni hundii si haa jajatan. 
Lafti midhaan kenniteerti; Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera. 
Waaqni nu eebbiseera; handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu. 
