﻿Faarfannaa.
66.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa. Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa! 
Ulfina maqaa isaa faarfadhaa; galata isaatiifis ulfina kennaa! 
Waaqaan akkana jedhaa; “Hojiin kee akkam sodaachisaa dha! Sababii humni kee guddaa taʼeef, diinonni kee fuula kee duratti hollatu. 
Lafti hundinuu siif sagadu; faarfannaa galataa siif faarfatu; maqaa keetiifis faarfatu.” 
Kottaatii waan Waaqni hojjete, hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa! 
Inni galaana lafa gogaatti geeddare; isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan; kottaa isatti haa gammannu! 
Inni bara baraan humna isaatiin bulcha; iji isaas saboota ilaala; finciltoonni ol ol of hin qabin. 
Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa; sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu; 
inni lubbuu keenya jiraachiseera; miilla keenyas mucucaachuu oolcheera. 
Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta. 
Ati kiyyootti nu galchiteerta; dugda keenya irras baʼaa keesseerta. 
Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta; nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre; ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde. 
Anis qalma gubamu qabadhee mana qulqullummaa kee nan seena; wareega koos siif nan galcha; 
kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha. 
Anis horii coccoomoo, qalma gubamu, korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa; jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa. 
Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa; anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima. 
Ani afaan kootiin isatti nan iyye; galanni isaas arraba koo irra ture. 
Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee, silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture; 
Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera; sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera. 
Waaqni kadhannaa koo hin didin yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu! 
