﻿Faarfannaa.
64.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi; lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi. 
Marii jalʼootaa duraa, mala namoota hamoo duraas na dhoksi. 
Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan; dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu. 
Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu; akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu. 
Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu; waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu; “Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu. 
Isaanis jalʼina yaaduudhaan, “Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu; yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii. 
Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa; isaanis akkuma tasaa madaaʼu. 
Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa; warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu. 
Namoonni hundinuu ni sodaatu; isaan hojii Waaqaa ni labsu; waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu. 
Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada; isattis kooluu gala; gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu. 
