﻿Faarfannaa.
63.
Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba. 
Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale. 
Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti. 
Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha. 
Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata. 
Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada. 
Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha. 
Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba. 
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu. 
Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu. 
Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama. 
