﻿Faarfannaa.
61.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame. Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi; kadhannaa koos dhaggeeffadhu. 
Yeroo garaan koo citetti, ani handaara lafaatii sin waammadha; ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi. 
Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha. 
Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa. 
Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii; dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta. 
Bara jireenya mootii, umurii isaa illee dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi. 
Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu; akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi. 
Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha; guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha. 
