﻿Faarfannaa.
54.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame. Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; humna keetiinis naa murteessi. 
Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu. 
Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha. 
Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti. 
Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; atis amanamummaa keetiin isaan balleessi. 
Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; inni gaariidhaatii. 
Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera. 
