﻿Faarfannaa.
39.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha; arraba koos cubbuu irraa nan ittisa; hamma namni hamaan na bira jiruttis, afaan kootti luugama nan kaaʼadha.” 
Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe; waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe; dhiphinni koo garuu ittuma caale; 
onneen koo na keessatti bulluqaa deeme; yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe; anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe: 
Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi; dheerina umurii kootiis na barsiisi; jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi. 
Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta; umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu; jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti. 
Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa; dhugumaan inni akkasumaan goolama; namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku. 
“Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha? Abdiin koo suma irra jira. 
Dogoggora koo hunda irraa na oolchi; nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin. 
Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu; kan waan kana godhe sumaatii. 
Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii; dhaʼicha kee narraa fuudhi. 
Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas; akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita; dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha. 
“Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu; booʼicha koos calʼistee hin ilaalin. Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii; akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti. 
Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.” 
