﻿Faarfannaa.
38.
Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf. Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin. 
Xiyyooliin kee na waraananiiru; harki kees akka malee natti ulfaateera. 
Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera; sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera. 
Cubbuun koo na liqimseeraatii; akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera. 
Sababii gowwummaa kootiitiif, madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes. 
Ani gad nan qabame; gadis nan cabe; guyyaa guutuus gaddaan oola. 
Dugdi koo na bobaʼa; dhagni koos fayyaa hin qabu. 
Ani laafeera; akka malees bututeera; garaan koo dhiphatee ani aadaan jira. 
Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha; argansuun koo si duraa hin dhokatu. 
Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera; ifni ija kootiis badeera. 
Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan; firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu. 
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru; warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu; guyyaa guutuus hammina natti yaadu. 
Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii. 
Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera. 
Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha; yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita. 
Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan hin eeyyamin” jedheeraatii. 
Ani kufuu gaʼeeraatii; dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne. 
Ani balleessaa koo nan himadha; sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda. 
Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha; warri sababii malee na jibbanis hedduu dha. 
Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti; ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii. 
Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin; yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin. 
Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko, na gargaaruudhaaf ariifadhu! 
