﻿Faarfannaa.
34.
Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate. Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa; galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu. 
Lubbuun koo Waaqayyoon boonti; cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan. 
Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa; kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa. 
Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase. 
Warri gara isaa ilaalan ni ifu; fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu. 
Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe; rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase. 
Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii ni qubata; isaan ni oolchas. 
Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha. 
Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa; warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii. 
Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu. 
Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa; anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa. 
Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis bara baayʼee hawwu eenyu? 
Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu. 
Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu; nagaa barbaadi; duukaa buʼis. 
Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira; gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha; 
yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata. 
Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa. 
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa. 
Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha; Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa; 
lafee isaa hunda ni eega; isaan keessaas tokko illee hin cabu. 
Hamoota hamminatu ajjeesa; warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama. 
Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura; warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu. 
