﻿Faarfannaa.
29.
Faarfannaa Daawit. Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa. 
Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa. 
Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira; Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa; Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa. 
Sagaleen Waaqayyoo humna qaba; sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa. 
Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa; Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa. 
Inni Libaanoonin akka jabbiitti, Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa. 
Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessa bakakkaatiin rukuta. 
Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa; Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa. 
Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira; bosonas qullaatti hambisa. Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya. 
Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa; Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa. 
Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa. 
