﻿Faarfannaa.
26.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera. 
Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori; 
jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa. 
Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu; 
ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; hamoota wajjinis hin taaʼu. 
Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa. 
Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; dinqii hojii keetii hunda nan odeessa. 
Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha. 
Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin; 
warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin. 
Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; ati na furi; araaras naa buusi. 
Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha. 
