﻿Faarfannaa.
19.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa. 
Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa, halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa. 
Haasaan yookaan dubbiin hin jiru; sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu. 
Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe. Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe; 
biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti. 
Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee gara handaara kaaniitti naannofti; wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru. 
Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu; lubbuu namatti deebisa. Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha; nama wallaalaa beekaa godha. 
Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha; garaadhaaf gammachuu kenna. Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha; ijaafis ifa kenna. 
Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha; bara baraan jiraata. Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha; walumaa galattis qajeelaa dha. 
Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame caalaa iyyuu gatii qabeessa; inni damma caalaa, nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha. 
Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama; isa eeguunis gatii guddaa qaba. 
Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa? Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi. 
Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi; cubbuun kunis na hin moʼatin. Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha; dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa. 
Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko, dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu. 
