﻿Faarfannaa.
16.
Miiktaamii Daawit. Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii, ati na eegi. 
Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti; ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha. 
Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; anis isaanitti baayʼee nan gammada. 
Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, gaddi isaanii ni guddata. Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu. 
Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti; ixaa koos situ naa jiraachisa. 
Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera; dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba. 
Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha. 
Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba. Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu. 
Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos nagaadhaan jiraata; 
ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu. 
Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira. 
