﻿Faarfannaa.
9.
Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa. 
Ani sittin gammada; nan ililchas; yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha. 
Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu; ni gufatu; fuula kee duraas ni badu. 
Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta; atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta. 
Saboota ifattee hamootas balleessiteerta; maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta. 
Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu; ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta; seenaan isaaniis barbadeeffameera. 
Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa; teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera. 
Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha. 
Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. 
Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii. 
Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa; hojii isaa illee saboota keessatti labsaa. 
Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii; iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu. 
Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali! Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi; 
kunis ani karra Intala Xiyoon irratti akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis baayʼisee gammaduuf. 
Saboonni boolla qotan keessa buʼan; miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame. 
Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama; hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu. 
Namoonni hamoon, warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu. 
Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu. 
Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; fuula kee duratti sabootatti haa muramu. 
Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi; saboonnis akka namuma taʼan haa beekan. 
