﻿Faarfannaa.
6.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin; yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin. 
Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami; lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi. 
Lubbuun koo akka malee jeeqameera; kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti? 
Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi; araara keetiif jedhiitii na fayyisi. 
Namni duʼe si hin yaadatu. Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata? 
Ani aaduu kootiin bututeera. Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa; imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa. 
Iji koo gaddaan fajajeera; sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera. 
Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa; Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii. 
Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera; Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata. 
Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan; qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan. 
