﻿Faarfannaa.
5.
Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi; aaduu koo illee naa hubadhu. 
Yaa mootii koo fi Waaqa ko, iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu; ani sin kadhadhaatii. 
Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa; anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa; abdiidhaanis nan eeggadha. 
Ati Waaqa hamminatti gammadu miti; hamaanis si wajjin hin jiraatu. 
Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan. Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita; 
Ati warra soba dubbatan ni balleessita. Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi warra nama gowwoomsan ni xireeffata. 
Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala; si sodaachuudhaanis gad jedhee gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada. 
Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitii qajeelummaa keetiin na dura buʼi; karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi. 
Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu; garaan isaanii badiisaan guutameera. Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni sobu. 
Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi! Daba isaaniitiinis haa kufan. Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi; isaan sitti fincilaniiruutii. 
Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan; bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan. Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif ati eegumsa kee isaan irra diriirsi. 
Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii; akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita. 
