﻿Faarfannaa.
2.
Namoonni maaliif akkanumaan malatu? Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? 
Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuuf walitti qabaman; 
isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu. 
Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; Gooftaanis isaanitti qoosa. 
Innis aarii isaatiin isaan ifata; dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa; 
innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, mootii koo teessifadheera” jedha. 
Ani seera Waaqayyoo nan labsa: innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera. 
Na kadhadhu; ani saboota dhaala kee, handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna. 
Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; akka qodaa supheettis isaan hurreessita.” 
Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; bulchitoonni lafaas of eeggadhaa. 
Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa; hollachaas gammadaa. 
Akka inni hin aarreef, isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa; dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii. Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha. 
