﻿Kitaabota Faarfannaa.
1.
Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha. 
Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada. 
Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf. 
Hamoonni garuu akkana miti; isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti. 
Kanaafuu hamoonni murtii dura, yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan. 
Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii; karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa. 
