﻿Iyyoob.
28.
Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira. 
Sibiilli lafa keessaa baafama; sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama. 
Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; moggaa akka malee fagoo dhaqees, dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada. 
Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama. 
Lafa irraa garuu nyaatatu argama; jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti; 
dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; biyyoon isaas warqee qaba. 
Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; iji culullees karaa sana hin argine. 
Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; leencis karaa sana hin darbine. 
Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha. 
Inni kattaa keessaan karaa baasa; iji isaas waan gatii guddaa hunda arga. 
Madda lageenii ni sakattaʼa; waan dhokfames ifatti ni baasa. 
Ogummaan garuu eessaa argamti? Hubannaanis eessa jiraata? 
Namni gatii isaa hin beeku; inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu. 
Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha. 
Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu. 
Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu. 
Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu. 
Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; gatiin ogummaa lula diimaa caala. 
Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu. 
Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? Hubannaanis eessa jiraatti? 
Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; simbirroota samii jalaas baddeerti. 
Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa gurra keenyaan dhageenye” jedhu. 
Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, lafa inni jiraatus beeka; 
inni handaara lafaa ni ilaala; waan samii jala jiru hunda ni argaatii. 
Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee bishaanota safaretti, 
yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee bakakkaaf immoo daandii baasetti, 
inni ogummaa ilaalee madaale; jabeessee dhaabee ishee qorate. 
Ergasii ilmaan namaatiin, “Gooftaa sodaachuun ogummaa; waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe. 
