﻿Iyyoob.
4.
Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise: 
“Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa? Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa? 
Ati akka nama baayʼee barsiifte, akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu. 
Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera; atis jilba laafe jabeessiteerta. 
Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta; rakkinni si miidheera; atis rifatteerta; 
Waaqa sodaachuun kee irkoo kee, qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii? 
“Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa? Qajeelonni eessatti badanii beeku? 
Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan, kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu. 
Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu; hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu. 
Leenci ni aada; ni gururiʼas; ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba. 
Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa; ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu. 
“Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame; gurri koos asaasa isaa dhagaʼe. 
Abjuu halkanii sodaachisaa keessa, yommuu hirribni cimaan nama qabatutti, 
sodaa fi hollachuun na qabatee lafee koo hunda raase. 
Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe; rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate. 
Innis ni dhaabate; ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye. Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate; anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe: 
‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa? 
Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata; 
yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree? 
Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu; tasumas bara baraan ni badu. 
Akka isaan ogummaa malee duʼaniif funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’ 
