﻿Nahimiyaa.
7.
Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman. 
Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Waaqa sodaatu tureetii. 
Ani akkanan isaaniinan jedhe; “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa.” 
Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne. 
Waaqni koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha: 
Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan; 
isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan. 
Sanyiin Phaarosh 2,172 
sanyiin Shefaaxiyaa 372 
sanyiin Aaraa 652 
sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818 
sanyiin Eelaam 1,254 
sanyiin Zaatuu 845 
sanyiin Zakaayi 760 
sanyiin Binuuyii 648 
sanyiin Beebay 628 
sanyiin Azgaad 2,322 
sanyiin Adooniiqaam 667 
sanyiin Baguwaay 2,067 
sanyiin Aadiin 655 
sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98 
sanyiin Haashum 328 
sanyiin Beesaay 324 
sanyiin Haariif 112 
sanyiin Gibeʼoon 95 
namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188 
namoonni Anaatoot 128 
namoonni Beet Azmaawet 42 
namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743 
namoonni Raamaa fi Gebaa 621 
namoonni Mikmaas 122 
namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123 
namoonni Neboo kaan 52 
namoonni Eelaam kaan 1,254 
namoonni Haariim 320 
namoonni Yerikoo 345 
namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721 
namoonni Senaaʼaa 3,930. 
Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 973 
sanyiin Imeer 1,052 
sanyiin Phaashihuur 1,247 
sanyiin Haariim 1,017. 
Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74. 
Faarfattoota: Sanyiin Asaaf 148. 
Eegdota karra mana qulqullummaa: Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138. 
Tajaajiltoota mana qulqullummaa: Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot, 
sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon, 
sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi, 
sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar, 
sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa, 
sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa, 
sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim, 
sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur, 
sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa, 
sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi, 
sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa. 
Sanyii Tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa, 
sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel, 
sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon. 
Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392. 
Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis: 
Sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642. 
Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame. 
Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman. 
Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje. 
Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan; 
kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture. 
Isaan farda 736, gaangolii 245, 
gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture. 
Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe. 
Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii 2,200 mankuusatti galii godhan. 
Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan. 
Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan. 
