﻿1 Seenaa.
25.
Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis: 
Ilmaan Asaaf keessaa: Zakuur, Yoosef, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture. 
Ilmaan Yeduutuun keessaa: Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan Waaqayyo galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan. 
Ilmaan Heemaan keessaa: Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti. 
Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne. 
Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan. Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan. 
Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Waaqayyoof faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan. 
Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan. 
Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif, ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaaniis kudha lama turan lammaffaan Gedaaliyaasiif, isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
sadaffaan Zakuuriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
afuraffaan Izriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
shanaffaan Naataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
jaʼaffaan Bukiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
torbaffaan Yishiriʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
saddeettaffaan Yashaayaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
saglaffaan Mataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
kurnaffaan Shimeʼiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
kudha lammaffaan Hashabiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
kudha afuraffaan Matiitiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
kudha shanaffaan Yereemootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan 
kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan 
kudha saglaffaan Malootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
digdammaffaan Eliyaataaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
digdamii tokkoffaan Hootiiriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
digdamii lammaffaan Gidaltiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan 
digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan. 
