GEN 1:1 Waaqi jalqaba ol-gubba'aa fi lafa dade.
GEN 1:2 Latti akka hin qadduuyyu; duwwaalle'e. Dukkanti qilee abbaaya'aa irra jirtiiyyu; Ayyaanni Waaqaalle bisaan irra tatacho'aa ture.
GEN 1:3 Achiin duuba Waaqi, «Ifi te'uu ti» jedhe. Ifille te'e.
GEN 1:4 Waaqi ifi dansaa akka te'e dhagge; inni ifa dukkana irraa gargar baase.
GEN 1:5 Waaqi ifaan «Guyyaa», dukkanaan «Halkan» jedhee maqaa baase. Kun guyyaa qaraa ti.
GEN 1:6 Waaqi, «Bisaan gad hafee fi bisaan ol hafe akka gargar baasu, gubbaan gombobbittiin teetuu ti» jedhe.
GEN 1:7 Maarre Waaqi gubbaa gombobbittii godhee, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan gad jiru, bisaan gubbaa gombobbittii tanaan ol jiruun gargar baase. Akkasuma teete.
GEN 1:8 Waaqi gubbaa gombobbittii «Gubbaa» jedhee maqaa baase. Dhiite, bariitelle'e. Kun guyyaa lammeesso'oo ti.
GEN 1:9 Waaqi, «Latti godduun akka mudhattuuf, bisaan gubba'aan jala jiru wolitti dacha'uu ti» jedhe. Akkasuma teete.
GEN 1:10 Waaqi, lafa goddu'uun, «Lafa», bisaan wolitti dacha'een, «Abbaayaa» jedhee maqaa baase. Tunille dansaa akka teete dhagge.
GEN 1:11 Achiin duuba Waaqi, «Latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu, baachuu ti» jedhe. Akkasuma teete.
GEN 1:12 Maarre latti biqiltoota adda addaa: mukoota lafa irraa ka akkuma gosa ifiititti midhaan buusuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buusu baache; Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge.
GEN 1:13 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa sadeesso'oo ti.
GEN 1:14 Akkasuma Waaqi, «Guyya'aa fi halkan gargar baasiisaaf gubbaa irratti ifooti jiraatanuu ti! Isaan beessisa yenna'aa, beessisa bonaa-gannaatii fi wogga'aa,
GEN 1:15 ifoota gubba'aa te'anee lafa irratti ka ifa kennanu te'anuu ti» jedhe. Tunille akkasuma teete.
GEN 1:16 Waaqi ifa gugurdaa lama godhe; ifi guddichi guyyaa, ifi diqqayyichi halkan akka ifu godhe. Urjootalle dade.
GEN 1:17 Waaqi akka lafa irratti issanuuf gubbaa irra isaan keye.
GEN 1:18 Guyya'aa fi halkan irratti baallii akka isaan qabatanuuf, ifa dukkana irraa gargar akka baasanuuf inni achi isaan keye. Waaqi tunille dansaa akka teete dhagge.
GEN 1:19 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa arfeesso'oo ti.
GEN 1:20 Achiin duuba Waaqi, «Bisaan lubbuu qabeeyyii adda addaatiin ka guutame te'uu ti; sinbirrootille lafaan gubbaa irra kaatuu ti» jedhe.
GEN 1:21 Maarre Waaqi bineensa gugurdaa abbaayaa keessaa, lubbuu qabeeyyii bisaan keessa le'anu mara, sinbirroota gosa adda addaa mara dade. Waaqi Tunille dansaa akka teete dhagge.
GEN 1:22 Waaqi, «Hora'aa heddadha'a; bisaan abbaaya'aa guuta'a; sinbirrootille lafa irra guuttuu ti» jedhee isaan eebbise.
GEN 1:23 Latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa shaneesso'oo ti.
GEN 1:24 Achiin duuba Waaqi, «Latti, dada lubbuu qabanu, gosa adda addaa mara: horii, bineensota lafarra lowanu, bineensa gudda'aa fi diqqaa mara baattuu ti» jedhe.
GEN 1:25 Waaqi bineensota lafaa akka gosa isaaniititti, horii akka gosa isaaniititti, bineensota lafa irra lowanu mara akka gosa isaaniititti dade. Inni tunille dansaa akka teete dhagge. Tunille akkasuma teete.
GEN 1:26 Achiin duuba Waaqi, «Kowa'a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya'aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe.
GEN 1:27 Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.
GEN 1:28 Waaqi, «Hora'a, heddadha'a, lafa guuta'a, harkatti isii galfadha'a! Qurxummii abbaaya'aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise.
GEN 1:29 Waaqi, «Ani biqiltuu midhaan buuttuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buuttu ta lafa irraa duudii akka nyaattanuuf isinii kenneera.
GEN 1:30 Akkasuma bineensa maraa fi sinbirroota qilleensaa maraaf, akka sagalee isaaniif te'u marraa fi biqiltuu baalaa isaaniif kenneera» jedhe; tunille akkasuma teete.
GEN 1:31 Waaqi waan huje mara ilaale; martinuu guddoo dansaa teete; latti dhiite, bariitelle'e; kun guyyaa jayeesso'oo ti.
GEN 2:1 Maarre ol-gubba'aa fi latti, wonni isaan keessa jiranu martille akka kanaan dadamanee muummeffamane.
GEN 2:2 Waaqi hujii huje mara hobbaasee, guyyaa torbeesso'oo foorfate.
GEN 2:3 Waaqi waan dade mara hobbaasee, guyyaa torbeesso'ootitti waan foorfateef, guyyaa torbeesso'oo san eebbise; woyyoonselle'e.
GEN 2:4 Kun dabarsii dadama ol-gubba'aa fi lafaa ti. Yennaa Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa fi lafa dade,
GEN 2:5 inni lafa irratti bokkeya waan roobisiisee hin jirreef, nami lafa hujulle waan hin jirreef, biqiltuun lafa irra hin jirtuuyyu; wonni tokkolle lattee hin jirtu.
GEN 2:6 Teetuu malee, maddi lafa keessaa ol bayee lafa duudii obaasaa ture.
GEN 2:7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee lafa irraa fuudhee, nama tolchee, hafuura jiru'uu funnaan isaatitti baafate; namille dada lubbuu qabaatee jiraatu te'e.
GEN 2:8 Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa aduun baatu Edenitti oorruu dhaabe; nama dade sanille achi keessa keye.
GEN 2:9 Mootiin Waan Maraa Waaqi muka ilti namaa halchitu ka adda addaa, ka midhaan isaalle nyaatiisaaf dansaa te'e lafa keessaa lachisiise; muki midhaan isaa nyaatanee jiruu namaa kennu, muki dhibiin ka hantu'uu fi dansaa ittiin beekanulle addee oorru'uu san wodhakkaa jiraayyu.
GEN 2:10 Addee oorru'uu san obaasiisaaf Eden keessaa maddi burqe; maddi achii bayee, gargar qoodamee laga afur te'e.
GEN 2:11 Maqaan laga qaraa Phiishon; inni lafa Hawiila'aa duudii lafa worqiin jirtutti marsee yaa'a.
GEN 2:12 Worqiin lafa sanii dansa'a; uddowa'aa fi dhakaan gatii guddo'oolle achi jiran.
GEN 2:13 Maqaan laga lammeesso'oo Giihon; inni lafa Itoophiya'aa marsee yaa'a.
GEN 2:14 Maqaan laga sadeesso'oo Xeegros; innille qachaa Asoorii gara baya adu'uutiin yaa'a. Lagi arfeesso'oolle Efraaxiis jedhama.
GEN 2:15 Mootiin Waan Maraa Waaqi namicha fuudhee addee oorruu Edenii san akka hujuu fi akka eegu achi keessa keye.
GEN 2:16 Mootiin Waan Maraa Waaqi namicha ajajee, «Midhaan muka addee oorruu Edenii kana keessa jiranu mara irraa hin nyaatta;
GEN 2:17 midhaan muka nyaatanee hantu'uu fi dansaa ittiin beekanu san irraa ammoo hin nyaatin. Gaafa isa irraa nyaatte ammoo dhuguma hin duuta» jedhe.
GEN 2:18 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te'uun dansa'aa moti; ani waa'ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe.
GEN 2:19 Mootiin Waan Maraa Waaqi biyyee irraa bineensotaa fi sinbirroota dadee, maan jedhee akka inni waamu ilaaliisaaf gara namichaa fide; wonni namichi dada lubbuu qabeeyyii ittiin waame duudiin maqaa te'eef.
GEN 2:20 Maarre namichi horii maraaf, sinbirroota maraaf, bineensota maraafille maqaa baase; namichaaf ammoo waa'elli qarqaaraan hin dhagganne.
GEN 2:21 Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi namichatti hirriiba hamaa buusee, adoo inni rafuu, cinaacha isaa keessaa tokkocha fuudhee, addee cinaachaa san fooniin cufe.
GEN 2:22 Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.
GEN 2:23 Achiin duuba namichi, «Amma reefuu, lafeen isi'ii lafee tiyya irraa, foon isi'ii foon kiyya irraa dhaggame; isiin namicha irraa waan dhagganteef, ‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe.
GEN 2:24 Tanaaf nami abba'aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te'an.
GEN 2:25 Namichaa fi niitiin isaa lamaanuu qullaa jiraniiyyu, te'uu malee wol hin fokkifatanuuyyu.
GEN 3:1 Bineensa Mootiin Waan Maraa Waaqi dade mara keessaa bofi irra caalaa malte'e. Inni namitti'iin, «Dhuguma Waaqi, ‹Mukoota oorruu tana keessa jiranu mara irraa hin nyaatina'a› isiniin jedheeraa?» jedhe.
GEN 3:2 Namittiin bofaan, «Nuuti mukoota addee oorru'uu tana keessa jiranu mara nyaatuu hin dandeenna;
GEN 3:3 ammoo muka addee oorru'uu wodhakkaa jiru qofa, Waaqi, ‹Midhaan isaa hin nyaatina'a, hin tuqinaalle'e! Kana yoo gootane hin duutan› jedheera» jette.
GEN 3:4 Bofi deebisee, «Hin duutanu.
GEN 3:5 Isin midhaan muka sanii yennaa nyaattane, ilti teessan akka banantu, hantu'uu fi dansaa beekiisaan akka Waaqaa akka teetanu, Waaqi waan beekuuf» jedheen.
GEN 3:6 Namittiin muki sun nyaatiisaaf dansaa, ilatti ka toluu fi ka nama qaroonsu akka te'e yennaa dhaggite, midhaan isaa fuutee nyaatte; dhirsa isi'ii ka isii woliin jirulle'eef kennite; innille nyaate.
GEN 3:7 Achiin duuba ilti lamaaniituu banantee, akka qullaa jiranulle beekane; tanaaf baala harru'uu wolitti hodhanee ifi gollatane.
GEN 3:8 Yennaa galgalootte namichii fi namittiin Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorru'uu keessa ideemuun qoonqoo isaa dhage'ane; isaan Mootii Waan Maraa Waaqa duraa mukoota addee oorru'uu san odduu dhokatane.
GEN 3:9 Mootiin Waan Maraa Waaqi ammoo namicha waamee, «Eessa jirta?» jedheen.
GEN 3:10 Namichille, «Ani addee oorru'uu keessatti qoonqoo teete dhage'ee, qullaa waan jiruuf, sodaadhee dhokadhe» jedheen.
GEN 3:11 Waaqi, «Qullaa akka jirtu eentu sitti hime? Midhaan muka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje san nyaattee?» jedheen.
GEN 3:12 Namichille deebisee, «Namittii akka na woliin leetuuf ati naaf kennitettuu midhaan muka sanii naaf kenne; anille nyaadhe» jedhe.
GEN 3:13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, namitti'iin, «Wonni ati goote kun maan inni?» jedhe. Namittiin, «Bofi na sobee jennaan nyaadhe» jette.
GEN 3:14 Mootiin Waan Maraa Waaqi bofaan, «Kana waan gooteef, ati horii maraa fi bineensota mara keessaa ka abaarante hin teeta. Gadhaa keetiin lafa irra hin loota; bara jiruu teetii mara biyyee hin nyaatta.
GEN 3:15 Ani si'ii fi namittii tana oddu'utti, sanyii isi'iitii fi sanyii teeti oddu'utti diinummaa hin buusa. Sanyiin isi'ii sun mataa keeti hin butucha; atille jimuu isaa hin iddita» jedhe.
GEN 3:16 Namittiille'een, «Yennaa ulfoottutti gaargala sitti hin fakkansa; ciniinsu'uun ijoollee hin deetta. Tanuma keessa fedhii dhirsa keetii hin qabaatta; inni si irratti bulchaa hin te'a» jedhe.
GEN 3:17 Namichalle'een, «Ati dubbii niitii teetii waan dhageetteef, midhaan muka ani, ‹Hin nyaatin› jedhee si ajajelle waan nyaatteef, «Latti sababa keetiif ta abaarante hin teeti; atille bara jiruu teetii mara eloo guddo'oon irraa hin nyaatta.
GEN 3:18 Latti qore'ee fi qumi'uuduu si'iif hin baachi; atille biqiltuu badda'aa nyaatta.
GEN 3:19 Ati biyye'e, deebitee biyyee hin teeta. Biyyee irraa waan dadanteef, gara isi'ii haga deebitutti, danfitee eloottee sagalee teeti hin nyaatta» jedhe.
GEN 3:20 Namichi niitiin isaa haadha worra jiraata'aa waan teeteef, maqaa isi'ii «Heewwan» jedhee baase;
GEN 3:21 Mootiin Waan Maraa Waaqi Addaamii fi niitii isaatiif gogaa irraa woyaa hujee itti uffise.
GEN 3:22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Kunoo, nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera. Ammalle harka ifiitiin hiixatee midhaan muka jiru'uu fuudhee nyaatiisaan, haga bara baraa le'uu hin qabu!» jedhe.
GEN 3:23 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorruu Edenii keessaa isa baasee, lafa irraa dadame akka qotu godhe.
GEN 3:24 Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye.
GEN 4:1 Namichi niitii ifii Heewwan bira geye; isiin ulfoottee ilma deette; «Ani qarqaarsa Waaqaatiin ilma tokko dhaggadheera» jettee maqaa isaa, «Qaayin» baache.
GEN 4:2 Ammalle obboleessa isaa «Abeel» deette. Abeel tissee hoole'ee te'ee, Qaayin ammoo qottuu lafaa te'e.
GEN 4:3 Gaafa tokko Qaayin midhaan lafaa irraa Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeesse;
GEN 4:4 Abeelille buruusota qara dhalatane keessaa qalee, cooma isaanii ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse; Mootiin Waan Maraa Abeelii fi kennansa isaatitti gammade.
GEN 4:5 Qaayinii fi kennansa isaatitti ammoo hin gammanne. Maarre Qaayin aaree bobe'ee, mataa buuse.
GEN 4:6 Yennaa san Mootiin Waan Maraa Qaayiniin, «Maaf aartee bobeette? Maaf mataa buutte?
GEN 4:7 Waan dansaa adoo hujjee jiraattee, fudhatama dhaggattaayyuu motii? Waan dansaa yoo hin hujin ammoo, cubbuun balbala teeti duratti dhokatteerti; ati ammoo isii injifatuu qadda!» jedhe.
GEN 4:8 Achiin duuba Qaayin obboleessa ifii Abeeliin, «Koy, gara diidaa baanaa» jedhe. Yennaa gara diidaa bayane, Qaayin obboleessa ifii Abeel irratti ka'ee ijjeese.
GEN 4:9 Yennaa san Mootiin Waan Maraa, «Obboleessi keeti Abeel eessa jira?» jedhee Qaayin gaafate; inni deebisee, «Ani hin beeku, obboleessa kiyya ka eegu anaa?» jedhe.
GEN 4:10 Mootiin Waan Maraalle Qaayiniin, «Wonni ati goote kun maan? Dhiigi obboleessa keetii lafa irraa gara kiyya iyyata.
GEN 4:11 Lafa dhiiga obboleessa keetii uniisaaf afaan bante irratti, amma ati abaarantee hin ari'anta.
GEN 4:12 Yennaa lafa qottu, latti midhaan sii hin baachu; biyya lafaa irra baqataa daaqaleessa hin teeta» jedhe.
GEN 4:13 Qaayin deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Adabami kiyya ka ani ba'atuu dande'u caala.
GEN 4:14 Kunoo, ati adha lafa qotii irraa na ariiteerta; fuula keeti duraa dhokatuu qaba. Ani biyya lafaa irra baqataa daaqaleessa hin te'a; nami na dhagge martinuu na hin ijjeesa» jedhe.
GEN 4:15 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Akkasii moti. Nami tokko yoo si ijjeese, ani dachaa torba haluu isa hin baya» jedheen. Tanaaf Mootiin Waan Maraa nami Qaayin dhagge akka hin ijjeenneef, beessisa itti godhe.
GEN 4:16 Achiin duuba Qaayin Mootii Waan Maraa duraa bayee, addee oorruu Edeniitiin gara aduun baatu lafa, «Daaqiisa» jedhantu le'e.
GEN 4:17 Qaayin niitii ifii bira geye; isiin ulfoottee ilma deette; maqaan isaalle, «Henok» jedhame; Qaayin qachaa tokko ijaaree, «Henok» jedhee maqaa ilma ifii itti baase.
GEN 4:18 Henok, Iraad uumate; Iraad, Mahuyaa'el uumate; Mahuyaa'el, Maatushaa'el uumate; Maatushaa'elille, Laamek uumate.
GEN 4:19 Laamek dubartoota lama fuudhe; maqaan takkatti'ii Aada'a, maqaan taanii Xiila'a.
GEN 4:20 Aadaan, Yaabaal deette; inni abbaa sanyii worra dunkaana keessa le'anee horii horsiisanee ti.
GEN 4:21 Maqaan obboleessa isaalle Yubaal; inni abbaa sanyii worra kiraara dhowaneetii fi suusullee afuufanee ti.
GEN 4:22 Xiilaan, Tubaal-Qaayin deette. Inni sibiilaa fi sageettuu irraa meya adda addaa mara huje. Obboleettiin Tubaal-Qaayinii, Naa'ima'a.
GEN 4:23 Laamek niitota ifiitiin, «Ee Aada'a, ee Xiila'a! Na dhage'a'a; niitota Laamekii, waan ani jedhu dhage'a'a. Nami yoo na madeesse, dargaggeessi yoo na dirmammeesse ani hin ijjeesa.
GEN 4:24 Ka Qaayin ijjeesu dachaa torba haluu ka bayanu yoo te'e, ka na ijjeesu dachaa torbaatamii torba haluu bayan» jedhe.
GEN 4:25 Addaam ammalle niitii ifii bira geye; isiille ilma deettee, «Nama Qaayin ijjeese, addee Abeelii Waaqi ilma naa kenne» jettee maqaa isaa, «Sheeti» jettee baatte.
GEN 4:26 Sheetille ilma uumate; innille maqaa isaa, «Enoshi» jedhee baase; namooti bara san maqaa Mootii Waan Maraa waammatiisa jalqabane.
GEN 5:1 Tun dabarsii sanyii Addaamii ti. Waaqi yennaa ilmaan namaa dade, akka fakkeenna ifiititti isaan dade.
GEN 5:2 Dhiiraa fi dubartii dadee, eebbisee, «Nama» jedhee maqaa baase.
GEN 5:3 Addaam woggaa dhibbaa fi soddoma yennaa geye, ilma isa fakkaatu, ka bifa isaa qabu uumate; maqaa isaalle, «Sheeti» jedhee baase.
GEN 5:4 Sheeti dhalateen duuba, Addaam woggaa dhibba saddeeti le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 5:5 Addaam wolumatti woggaa dhibba sagalii fi soddoma le'ee, achiin duuba du'e.
GEN 5:6 Sheeti dhalatee woggaa dhibbaa fi shanitti Enoshi uumate.
GEN 5:7 Enoshi dhalateen duuba, Sheeti woggaa dhibba saddeetii fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 5:8 Sheeti wolumatti woggaa dhibba sagalii fi kudhanii lama le'ee, achiin duuba du'e.
GEN 5:9 Enoshi dhalatee woggaa sagaltamatti Qayinaan uumate.
GEN 5:10 Qayinaan dhalateen duuba, Enoshi woggaa dhibba saddeetii fi kudhanii shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate.
GEN 5:11 Enoshi wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shan le'ee, achiin duuba du'e.
GEN 5:12 Qayinaan dhalatee woggaa torbaatamatti Mahalalel uumate.
GEN 5:13 Mahalalel dhalateen duuba, Qayinaan woggaa dhibba saddeetii fi afurtama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate.
GEN 5:14 Qayinaan wolumatti woggaa dhibba sagalii fi kudhan le'ee, achiin duuba du'e.
GEN 5:15 Mahalalel dhalatee woggaa jaatamii shanitti Yaared uumate.
GEN 5:16 Yaared dhalateen duuba, Mahalalel woggaa dhibba saddeetii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate.
GEN 5:17 Mahalalel wolumatti woggaa dhibba saddeetii fi sagaltamii shan le'ee, achiin duuba du'e.
GEN 5:18 Yaared dhalatee woggaa dhibba tokkoo fi jaatamii lamatti Henok uumate.
GEN 5:19 Henok dhalateen duuba, Yaared woggaa dhibba saddeeti le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate.
GEN 5:20 Yaared wolumatti woggaa dhibba sagalii fi jaatamii lama le'ee, achiin duuba du'e.
GEN 5:21 Henok dhalatee woggaa jaatamii shanitti Matusaalaa uumate.
GEN 5:22 Matusaalaan dhalateen duuba, Henok woggaa dhibba sad Waaqa woliin le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate.
GEN 5:23 Henok wolumatti woggaa dhibba sadii fi jaatamii shan le'e.
GEN 5:24 Henok bara jiruu ifii mara Waaqa woliin le'e; Waaqi waan isa fudhateef, inni achiin duuba hin dhagganne.
GEN 5:25 Matusaalaan dhalatee Woggaa dhibbaa fi saddeettamii torbatti Laamek uumate.
GEN 5:26 Laamek dhalateen duuba, Matusaalaan woggaa dhibba torbaa fi saddeettamii lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate.
GEN 5:27 Matusaalaan wolumatti woggaa dhibba sagalii fi jaatamii sagal le'ee, achii duuba du'e.
GEN 5:28 Laamek dhalatee woggaa dhibbaa fi saddeettamii lamatti ilma uumate;
GEN 5:29 Laamek, «Hujii nuuti lafa Waaqi abaare tana irratti hunyu, ta nuuti itti eloonnu irraa nu hin foorfachiisa» jedhee maqaa isaa, «Nohi» baase;
GEN 5:30 Nohi dhalateen duuba, Laamek woggaa dhibba shanii fi sagaltamii shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibiille uumate.
GEN 5:31 Laamek wolumatti woggaa dhibba torbaa fi torbaatamii torba le'ee, achiin duuba du'e.
GEN 5:32 Nohi dhalatee woggaa dhibba shaniin duuba Seem, Kaamii fi Yaafet uumate.
GEN 6:1 Yennaa namooti biyya lafaa irratti heddatuu jalqabanetti, ijoolleen durraalle isaaniif dhalatane.
GEN 6:2 Worri «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu ijoolleen durraa sun dadansaa akka teete yennaa dhaggane, isaan keessaa akkuma filatanetti niitii fuudhane.
GEN 6:3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Namooti ka du'anu waan te'aneef, Ayyaanni Kiyya ka jiruu kennu isaan woliin haga bara baraa hin le'u; isaan woggaa dhibbaa fi diddama qofa le'an» jedhe.
GEN 6:4 Bara sanii fi bara saniin duuba, ijoolleen durraa ta namaatii fi worri, «Ilmaan Waaqaa» jedhamanu wolitti makamaneen worri dhalatane worri bineeyyiin jiraniiyyu; isaan bara durii namoota janna hunnaan nama caalanuu fi worra beekkamane.
GEN 6:5 Mootiin Waan Maraa hammeenni namaa lafa irratti attam akka bacate, yaadi isaanii yennaa mara marroo hammeennaa akka te'e dhagge.
GEN 6:6 Mootiin Waan Maraa lafa irratti nama daduu isaatitti gaddee, guddoo gaabbe.
GEN 6:7 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Isaan daduu kiyyatti waan gaddeef, namoota, horii, bineensota, waan lafa irra munyuuquu fi sinbirroota lafa irraa haxowee hin balleessa» jedhe.
GEN 6:8 Nohi ammoo Mootii Waan Maraa duratti fudhatama dhaggate.
GEN 6:9 Nohi dhaloota san keessatti nama balchaa, ka komii hin qannee fi ka Waaqa woliin ideeme.
GEN 6:10 Ilmaan Nohi uumate sadiin Sheem, Kaamii fi Yaafet.
GEN 6:11 Yennaa san kolbaan lafa irraa duudiin Waaqa duratti hamoolee teete; lattille hunnaan wolitti ka'iisaan guutante.
GEN 6:12 Waaqi biyya lafaa ilaalee, kolbaan marti hammeennaan akka le'iisatti jirtu dhagge.
GEN 6:13 Waaqi Nohiin, «Latti hunnaan wolitti ka'iisaan waan guutanteef, ani isaan mara lafa irraa balleessiisaaf murteeffadheera.
GEN 6:14 Ati muka dansaa irraa hoboloo guddittii huji; keessa isi'iititti kolloo kolloo baasi! Keessaa fi duuballe'een leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchi!
GEN 6:15 Dheerinna isi'ii meetira dhibba tokkoo fi soddomii sad, badhinna isi'ii meetira diddamii lama, hojjaa meetira kudhanii sad godhi.
GEN 6:16 Hoboloo guddittii san heellichoo itti godhi; heellichoo oddu'utti saantimeetira afurtamii afur addee duwwaa lakkisi; cinaa irratti balbala godhi. Hoboloo san hojjaa isi'ii jala, jiddu'uu fi gubbaa tolchii addee saditti gargar qoodi!
GEN 6:17 Ani kunoo, gubba'aan jalatti waan lubbuu qabu mara lafa irraa balleessiisaaf, bisaan badi'ii hin fida; wonni lafa irratti lubbuu qabu marti hin bada.
GEN 6:18 Ani ammoo si woliin gondooroo hin gondooradha; atii fi niitiin teeti, ilmaan teetii fi niitoleen ilmaan teetii gara hoboloo gudditti'ii seena'a.
GEN 6:19 Waan lubbuu qabu maralle, si woliin jiru'uun akka jiraatanu, gosuma gosa keessaa, lama lama tolchii, kormaa fi dhalaa gara hoboloo guddittii sanii seensisi.
GEN 6:20 Sinbirroota akkuma gosa gosa isaaniitiin, horii akkuma gosa gosa isaaniitiin, wonni lafa irra lowu akkuma gosa gosa isaaniitiin, gosi martinuu lama lama te'anee, jiru'uun jiraatiisaaf gara keeti dhufanuu ti.
GEN 6:21 Ammalle sagalee adda addaa ta atii fi wonni lubbuu qabanu kun marti nyaattanu hoboloo guddittii keessatti tuuli» jedhe.
GEN 6:22 Nohi akkuma Waaqi isa ajajetti kana mara huje.
GEN 7:1 Mootiin Waan Maraa Nohiin, «Dhaloota kana keessaa ati callaan balchaa akka teete waan dhaggeef, atii fi maatiin teeti gara hoboloo guddittii tanaa seena'a.
GEN 7:2 Hori'ii fi bineensa qulqulluu te'ane mara keessaa korma torba torbaa fi dhalaa torba torba, ka qulqulluu hin te'in mara keessalle'ee korma tokko tokkoo fi dhalaa tokko tokko fuudhiitii gara hoboloo gudditti'ii galchi.
GEN 7:3 Sinbirrootalle gosuma gosa isaanii keessaa korma torba torbaa fi dhalaa torba torba lafa irratti gosi isaanii akka jiru'uun jiraatanu hobolo'otti galchi.
GEN 7:4 Ani guyyaa torbaan duuba guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bokkeenni akka roobu godha; dada lubbuu qabu ka ani dade mara lafa irraa haxowee balleessa!» jedhe.
GEN 7:5 Nohille kana mara akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe.
GEN 7:6 Yennaa bisaan badi'ii lafatti dhufe san, Nohi nama woggaa dhibba jaa ti.
GEN 7:7 Bisaan badi'ii jalaa bayiisaaf Nohii fi niitiin isaa, ilmaan isaatii fi niitoleen isaanii gara hoboloo gudditti'ii seenane.
GEN 7:8 Hori'ii fi bineensi qulqulluu te'anee fi qulqulluu hin te'in, sinbirrootille, wonni lafa irra lowulle martinuu,
GEN 7:9 lama lama, kormaa fi dhalaan, akka Waaqi ajajetti, gara Nohii dhufanee woliin hoboloo guddittii san seenane.
GEN 7:10 Guyyaa torbaan duuba bisaan badi'ii dhufe.
GEN 7:11 Kunille bara jiruu Nohii woggaa dhibba jayeesso'oo, ji'a lammeesso'oo, ji'a san keessa guyyaa kudhanii torbeesso'oo te'e; gaafas burqituun golba qile'ee gugurdoon dho'anee, foddaan gubba'aa banante.
GEN 7:12 Bokkeenni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti bu'e.
GEN 7:13 Guyyuma jedhame san Nohi, niitiin Nohii, ilmaan isaa Seem, Kaam, Yaafetille, niitoleen ilmaan isaa sadiinuu, isa woliin hoboloo guddittii san seenane.
GEN 7:14 Bineensoti gosa adda addaa, horiin gosa adda addaa marti, wonni lafa irra lowanu marti, sinbirrooti gosa adda addaa marti, dadi koolaan ka'anu marti,
GEN 7:15 dadi hafuura jiru'uu ifi keessaa qaddu marti lama lama te'anee Nohi woliin gara hoboloo guddittii sanii seenane.
GEN 7:16 Worri seenanelle, akkuma Waaqi isa ajajetti, kormaa fi dhalaa dada maraatiiyyu; achiin duuba Waaqi balbala hobolo'oo itti cufe.
GEN 7:17 Bisaan badi'ii guyyaa afurtama lafa irratti roobuma roobee, lafa irra guutee, hoboloon lafa irraa ol kaate.
GEN 7:18 Bisaan lafa irraa guddoo ol ka'ee, hoboloon guddittiin sun bisaan irra deente.
GEN 7:19 Bisaan lafa irraa guddoo ol ka'ee, gaarota ol dhedheeraa gubba'aan jala jiranu mara dhosse.
GEN 7:20 Bisaan qaccee gaara irraayyuu gara meetira torbaa dabaree dhosse.
GEN 7:21 Wonni lubbuu qabaa, dadi lafa irra munyuuqanu martinuu, sinbirrooti, horiin, bineensi, nami martinuu du'ane.
GEN 7:22 Wonni lafa irra le'u ka hafuura baafatu marti du'e.
GEN 7:23 Waaqi waan dadamee lafa irra le'u, nama, horii, waan lafa irra lowanuu fi sinbirroota haxowee balleesse; isaan lafa irraa haxowamanee badane. Nohii fi waan isa woliin hoboloo guddittii keessa jiru qofattuu hafe.
GEN 7:24 Bisaan guyyaa dhibbaa fi shantama gad hin dhidhanne.
GEN 8:1 Waaqi ammoo Nohi, hori'ii fi bineensota isa woliin hoboloo guddittii keessa jiranu mara qaabate; inni qilleensa lafa irratti buuse; Bisaanille gad dhidhatuu jalqabe.
GEN 8:2 Burqituun golba qile'eetii fi balbalti gubba'aalle cufante; bokkeenni gubba'aalle caamee,
GEN 8:3 bisaan laana laana gad dhidhatuu jalqabe. Guyyaa dhibbaa fi shantamaan duuba lafa irraa dhidhate.
GEN 8:4 Hoboloon guddittiin sun ji'a torbeesso'oo keessa, guyyaa kudhanii torbeesso'oo, gaara Araaraatii gubbaa dhuttee teette.
GEN 8:5 Bisaan haga ji'a kudhaneesso'oo dhidhataatuma deeme; ji'a kudhaneesso'oo keessa guyyaa qaraa, qacceen gaarotaa mudhatte.
GEN 8:6 Guyyaa afurtamaan duuba Nohi qowa hobolo'otti baaseeru san banee,
GEN 8:7 harraaqessa erge; harraaqessi sun haga bisaan lafa irraa gogutti asii fi achi ka'aa ture.
GEN 8:8 Achiin duuba Nohi bisaan lafa irraa akka gad dhidhate ilaaliisaaf saphaliisa erge.
GEN 8:9 Ammoo bisaan ammalle lafa duudii irra waan jiruuf, addee itti tee'u dhabee, gara hoboloo guddittii sanii deebi'ee gara isaa dhufe; inni harka ifii gad baasee qabee, hoboloo guddittii sanitti ol seensise.
GEN 8:10 Guyyaa torba tureen duuba, ammalle saphaliisa hoboloo guddittii keessaa erge.
GEN 8:11 Saphaliisi sun kichuu baala ejersaa afaan ifiititti qabatee, galgaluma san deebi'ee gara isaa dhufe. Akka kanaan Nohi akka bisaan lafa irraa gad dhidhateeru beeke.
GEN 8:12 Achiin duuba Nohi guyyaa torba dhibii turee, saphaliisa erge; saphaliisi eega san gara isaa hin deebine.
GEN 8:13 Nohi dhalatee woggaa dhibba jaa fi tokkeesso'otti, ji'a tokkeesso'oo keessa, guyyaa tokkeesso'oo, bisaan lafa irraa goge; Nohille heellichoo Hoboloo gudditti'ii irraa kaasee, ilaale; irri lafaalle akka gogeeru dhagge.
GEN 8:14 Ji'a lammeesso'oo keessa, guyyaa diddamii torbeesso'ootitti, latti guutumatti godde.
GEN 8:15 Achiin duuba Waaqi, Nohiin,
GEN 8:16 «Niitii teeti, ijoollee teetii fi niitii ijoollee teetii woliin hoboloo keessaa bayi.
GEN 8:17 Dadi lubbuu qabanu ka si woliin jiranu martinuu sinbirrooti, horiin, bineensoti, worri lafa irra lowanu martinuu, lafa irratti horanee akka heddatanu, si woliin akka bayanu godhi» jedhe.
GEN 8:18 Maarre Nohi ijoollee ifii, niitii ifiitii fi niitii ijoollee ifii woliin gad baye.
GEN 8:19 Horiin marti, bineensoti marti, sinbirrooti marti, worri lafa irra lowanu marti, akkuma gosa gosa isaaniititti hoboloo guddittii san keessaa gad bayane.
GEN 8:20 Nohi addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare; horii qulqulluu mara keessaa, sinbirroota qulqulluu mara keessaa addee ciinca'aa san irratti ciincaa dhikeesse.
GEN 8:21 Fooleen ciinca'aa sun Mootii Waan Maraa yennaa gammachiitte, Mootiin Waan Maraa gadhaa ifii keessatti, «Ani sababa namaatiif deebi'ee lafa hin abaaru; yaadi isaanii ijoollumma'aanuu hamaa akka te'e ani waan beekuuf, akka amma godhe kana, waan lubbuu qabu lafa irraa ijjumaa deebi'ee hin balleessu.
GEN 8:22 «Haga latti tun jirtutti facaasu'uu fi haamuun, qabbanaa fi o'i, bonaa fi ganni, guyya'aa fi halkan, hin dhaabbatanu» jedhe.
GEN 9:1 Waaqi Nohii fi ilmaan isaa eebbisee, «Hora'aa, heddadha'a, lafa guuta'a!
GEN 9:2 Bineensoti lafa irraa marti, sinbirrooti marti, bineensoti lafa irra lowanu marti, qurxummiin abbaaya'aa marti, isin sodaatanee bararaqanuu ti; isaan harka keessanitti kennamaneeran.
GEN 9:3 Wonni jiraatee tacho'u martinuu sagalee isiniif te'anuu ti. Akkuma duri biqiltuu magariisa akka sagalee isiniif te'anu kenne, amma waan kana mara sagalee akka isiniif te'anu kenneera.
GEN 9:4 Ammoo jiruun dhiiga keessa waan jirtuuf, foon dhiigi keessa jiru ammalle hin nyaatina'a.
GEN 9:5 Ani lubbuu teessan eegiisaaf, dhiiga keessan harka nama nama san ijjeeseetii fi bineensa nama san ijjeesee irraa hin barbaada.
GEN 9:6 «Ani Waaqi akka bifa tiyyaatitti, nama waan dadeef, nami dhiiga namaa dhangalaasu dhiigi isaa harka namaatiin hin dhangalaafama.
GEN 9:7 «Isin hora'a, heddadha'a, bacadha'aa lafa guuta'a!» jedhe.
GEN 9:8 Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun,
GEN 9:9 «Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora;
GEN 9:10 akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora.
GEN 9:11 Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi'iitiin lafa irraa deebi'ee akka hin balleessineef, bisaan badi'ii ijjumaa deebi'ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora.
GEN 9:12 Gondooroo ani isinii fi dada lubbuu qabu ka isin woliin jiruuf, dhaloota dhufu maralle'ee gondoore tanaaf beessisa kana kenna:
GEN 9:13 ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu'utti te'e hin teeti.
GEN 9:14 Yennaa ani gubbaa duumensaan gollee, hiituun duumensa keessaan mudhattu,
GEN 9:15 ani gondooroo tiyya ta isinii fi dada lubbuu qabu mara woliin gondoore hin qaabadha; bisaan badi'ii dada lubbuu qabu mara deebi'ee ijjumaa hin balleessu.
GEN 9:16 Yennaa hiituun duumensa keessaan mudhattu, ani isii ilaalee, gondooroo haga bara baraa ta anaa fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hin qaabadha» jedhe.
GEN 9:17 Waaqi Nohiin, «Beessisi gondooro'oo ka ani ifii fi dada lubbuu qabu ka lafa irra jiru mara oddu'utti gondoore hiituu tana» jedhe.
GEN 9:18 Nohii fi ilmaan isaa ta hoboloo guddittii keessaa baate Seem, Kaamii fi Yaafet. Kaam abbaa Kana'aanii ti.
GEN 9:19 Isaan sadiin kun ilmaan Nohii ti; kolbaan lafa irraa duudiinuu ilmaan sadiin tana irraa dhutte.
GEN 9:20 Nohi, nama lafa qotu, ka woynii dhaabiisa jalqabe.
GEN 9:21 Gaafa tokko inni yennaa daadhii woyni'ii unee machowe, qullaa dunkaanii ifii keessa rafe.
GEN 9:22 Abbaan Kana'aanii, Kaam, abbaa ifii qullaa jiruun dhaggee, alatti obboleeyyan ifii lamatti hime.
GEN 9:23 Achiin duuba Seemii fi Yaafet woyaa fuudhanee gurmuu ifii lamaan irra buufatanee, dudda duubaan deemanee nafa abbaa isaanii qullaa san dhossane; fuulli isaanii irraa waan garagaleeruuf, nafa qullaa abbaa ifii san hin dhaggine.
GEN 9:24 Nohi machii yennaa bayyanate, waan ilmi isaa maandhichi isa irratti godhe beekee,
GEN 9:25 «Kana'aan ka abaarame te'uu ti; garbicha garboota obboleeyyan ifii te'uu ti» jedhe.
GEN 9:26 Nohi ammalle, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Seemii, leellifamuu ti; Kana'aan garbicha Seemii te'uu ti.
GEN 9:27 Waaqi biyya Yaafetii badhisuu ti! Yaafet dunkaanii Seemii keessa le'uu ti; Kana'aan garbicha Yaafetiille te'uu ti» jedhe.
GEN 9:28 Bisaan badi'iitiin duuba Nohi woggaa dhibba sadii fi shantama le'e.
GEN 9:29 Inni wolumatti woggaa dhibba sagalii fi shantama le'ee, achiin duuba du'e.
GEN 10:1 Ilmaan Nohii, Seem, Kaamii fi Yaafet; bisaan badi'iitiin duuba, isaan sadiin kun ijoollee uumatane; hiddi dhaloota sanyii isaanii kanatti aanee laakkowama.
GEN 10:2 Ilmaan Yaafetii: Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas.
GEN 10:3 Ilmaan Gomerii: Ashikenaas, Riifaatii fi Togaarma'a.
GEN 10:4 Ilmaan Yaawaanii: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Rodaaniim.
GEN 10:5 Worri lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa keessa le'u, sanyii Yaafetii tana irraa dhufane. Isaan akka biyya biyya isaaniititti, akka afaan afaan isaaniititti, akka gosa gosa isaaniititti qoqoodamee worra le'u.
GEN 10:6 Ilmaan Kaamii: Kuushi, Misraayiimii, Fuxii fi Kana'aan.
GEN 10:7 Sanyiin Kuushii: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'ima'aa fi Sabtekaas. Ilmaan Ra'ima'aa: Sheeba'aa fi Dedaan.
GEN 10:8 Kuushi Naamrud uumate; Naamrud lafa irratti nama qaraa jabaa lolaan injifataa te'e.
GEN 10:9 Inni qarqaarsa Mootii Waan Maraatiin adamsaa jaba'a; tanaaf, namooti, «Mootiin Waan Maraa akka Naamrudii adamsaa jabaa si godhu» jedhan.
GEN 10:10 Inni jalqaba qachoota biyya Shiinaarii ka «Baabilon» jedhamee beekkamu keessaa Baabel, Erek, Akaadii fi Kaalne irratti mootii te'e.
GEN 10:11 Achi irraa gara biyya Asoorii dhaqee qachoota Nanawwe'ee, Rohobot-Irii fi Kalaa ijaare.
GEN 10:12 Akkuma Nanawwe'ee fi Kalaa wodhakka'atti qachaa guddicha Resen ijaare.
GEN 10:13 Sanyiin Misraayiimii: Ludiin, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim,
GEN 10:14 Fatrusiim, Kasluhiim ka worri Filisxeemotaa irraa dhaggamee fi Kaftoriim uumate.
GEN 10:15 Kana'aan ilma ifii angaficha Sidoonii fi ka itti aanu Heeti uumate.
GEN 10:16 Inni ammalle abbaa Yibusootaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
GEN 10:17 Hiiwotaa, Arqotaa, Siinotaa,
GEN 10:18 Arwaadotaa, Simaarotaa, kamaatotaatiiyyu; duuba irra maatiin Kana'aanii,
GEN 10:19 haga meessaa Kana'aanii ka Sidoon irraa gara fuullee Gergariitii haga Gaaza'aatitti, gara fuullee Sodoomii, Gomora'aa, Adima'aatii fi Zebo'iimiitiin haga Laasha'aa faffacaate.
GEN 10:20 Sanyiin Kaamii ka maatii maati'iin, afaan afaaniin, lafa lafaan, gosa gosaan qoqoodamane isaan kana.
GEN 10:21 Obboleessi angafichi Yaafetii, Seemille, ilmaan uumate; ilmaan Ebeerii marti sanyii isaa ti.
GEN 10:22 Ilmaan Seemii: Ilaam, Ashuur, Arfaaksaad, Ludii fi Aaram.
GEN 10:23 Ilmaan Aaramii: Uz, Hul, Geterii fi Maash.
GEN 10:24 Arfaaksaad, Shalaa uumate; Shalaan, Ebeer uumate;
GEN 10:25 Ebeer ilmaan lama uumate; bara tokkochi dhalate latti waan qoqoodanteef, maqaan isaa, «Feleg» jedhame; maqaan obboleessa isaa Yoqxaan.
GEN 10:26 Ilmaan Yoqxaan uumate: Almodaad, Sheleef, Hasarmaaweti, Yaaraa,
GEN 10:27 Hadoraam, Uzaal, Diqilaa,
GEN 10:28 Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa,
GEN 10:29 Ofiir, Hawiila'aa fi Yobaab; worri kun martinuu ilmaan Yoqxaanii ti.
GEN 10:30 Latti isaan keessa le'ane, biyya koobittii gara aduun baatuu Meshaa irraa ka'ee haga Sefariititti badhatti.
GEN 10:31 Sanyiin Seemii ka maatii maati'iin, afaan afaaniin, lafa lafaan, gosa gosaan qoqoodamane isaan kana.
GEN 10:32 Maatiin ilmaan Nohii, akka dhaloota isaaniitiin, gosa gosa isaaniitiin ka qoqoodamane isaan kana; bisaan badi'iitiin duuba, gosi biyya adda addaa ta lafa irratti faffacaate marti, sanyii ilmaan Nohii irraa dhaggante.
GEN 11:1 Bara san kolbaan biyya lafaa duudiin afaan tokkocha dubbatti.
GEN 11:2 Isaan gara aduun baatu irraa yennaa godaanane, dirree takka lafa Shiinaariititti dhaqanee achitti qubatane.
GEN 11:3 Isaan, «Kowa'a, faara loonnee, akka jabaatu gunnaa» woliin jedhane; addee dhaka'aa faara looba'aa, addee siminto'oo leyyaa biyyee keessaa dhaggamutti fayyadamane.
GEN 11:4 Achiin duuba isaan, «Kowa'a, qachaa qacceen xelleephoo isaa ol-gubbaa gewu ijaarrannee, lafa duudii irratti akka hin bittinnoonneef, worra gurraa teena!» jedhane.
GEN 11:5 Mootiin Waan Maraa qacha'aa fi xelleephoo ilmaan namaa ijaarane san ilaaliisaaf gad bu'e.
GEN 11:6 Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka'a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju'uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu.
GEN 11:7 Kowa'a, gad buunee, akka isaan wolii hin galle, afaan isaanii wol keessa akka makamu goona» jedhe.
GEN 11:8 Maarre Mootiin Waan Maraa lafa duudii irra isaan bittinneessee, qachaalle ijaariisa lakkisane.
GEN 11:9 Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel» jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse.
GEN 11:10 Sanyiin Seemii isaan kana: Bisaan badi'iitiin duuba woggaa lama turee, Seem dhalatee woggaa dhibbatti, ilma ifii Arfaaksaad uumate.
GEN 11:11 Arfaaksaad uumateen duuba, Seem woggaa dhibba shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 11:12 Arfaaksaad dhalatee woggaa soddomii shanitti, Shalaa uumate;
GEN 11:13 Shalaan dhalateen duuba, Arfaaksaad woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 11:14 Shalaan dhalatee woggaa soddomatti, Ebeer uumate;
GEN 11:15 Ebeer dhalateen duuba, Shalaan woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 11:16 Ebeer dhalatee woggaa soddomii afuritti, Feleg uumate;
GEN 11:17 Feleg dhalateen duuba, Ebeer woggaa dhibba afurii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 11:18 Feleg dhalatee woggaa soddomatti, Re'uu uumate;
GEN 11:19 Re'uun dhalateen duuba, Feleg woggaa dhibba lamaa fi sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 11:20 Re'uun dhalatee woggaa soddomii lamatti, Seruug uumate;
GEN 11:21 Seruug dhalateen duuba, Re'uun woggaa dhibba lamaa fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 11:22 Seruug dhalatee woggaa soddomatti, Naahor uumate;
GEN 11:23 Naahor dhalateen duuba, Seruug woggaa dhibba lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 11:24 Naahor dhalatee woggaa diddamii sagalitti, Taaraa uumate;
GEN 11:25 Taaraan dhalateen duuba, Naahor woggaa dhibba tokkoo fi kudhanii sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
GEN 11:26 Taaraan dhalatee woggaa torbaatamatti, Abraam, Naahorii fi Kaaraan uumate.
GEN 11:27 Sanyiin Taara'aa isaan kana: Taaraan abbaa Abraamii, Naahoriitii fi Kaaraanii ti; Kaaraan abbaa Looxii ti.
GEN 11:28 Kaaraan abbaan isaa Taaraan adoo jiruu addee itti dhalatetti, lafa Kaldootaa, Ur keessatti du'e.
GEN 11:29 Abraamii fi Naahor niitii fuudhane; maqaan niitii Abraamii Saaraayi; maqaan niitii Naahoriille Miilka'a. Isiin intala Kaaraanii ti; Kaaraan Miilka'aa fi Yiiska'aafille abba'a.
GEN 11:30 Saaraan maseena; isiin ijoollee hin qaddu.
GEN 11:31 Taaraan ilma ifii Abraam, akaakoo ifii Looxii ilma Kaaraanii, Saaraayii niitii ilmaa ifii Abraamii, fudhatee isaan woliin, biyya Kaldootaa Ur irraa ka'anee gara lafa Kana'aanii dhaqanee achi qubatane.
GEN 11:32 Taaraan woggaa dhibba lamaa fi shan le'ee, achiin duuba Kaaraan keessatti du'e.
GEN 12:1 Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Biyya teeti, gosa teeti, maatii abbaa keetiille lakkisiitii, gara lafa ani sitti mudhisuu dhaqi.
GEN 12:2 «Ani gosa guddoo si hin godha; si hin eebbisa. Gurra keeti hin guddisa; worra dhibi'iifille eebba hin teeta.
GEN 12:3 Ani worra si eebbisu hin eebbisa; worra si abaaru hin abaara. Kolbaan lafa irraa duudiin karaa keetiin ta eebbifante hin teeti» jedhe.
GEN 12:4 Maarre Abraam akkuma Mootiin Waan Maraa isatti hime deeme; Looxille isa woliin deeme. Abraam biyya Kaaraaniitii yennaa baye san, woggaan isaa torbaatamii shan.
GEN 12:5 Abraam niitii ifii Saaraayii fi ilma obboleessa ifii Loox, waan qabanu maraa fi hojjattoota Kaaraanitti dhaggatanelle fudhatanee, gara lafa Kana'aanii deemiisaaf ka'ane. Isaan lafa Kana'aanii yennaa geyane,
GEN 12:6 Abraam lafa san keessa dabaree, addee, «Sheekem» jedhantu, haga qilxaa woyyicha Moree deeme. Yennaa san worri Kana'aanotaa lafa san keessa jiraniiyyu.
GEN 12:7 Yennaa san Mootiin Waan Maraa Abraamitti mudhatee, «Ani lafa tana sanyii teetiif hin kenna» jedhe; Abraamille addee sanitti, Mootii Waan Maraa ka isatti mudhateef addee ciinca'aa ijaare.
GEN 12:8 Achii ka'ee gara lafa koobittii ta Bet'el irraa gara baya adu'uutitti dhaggantuu dhaqe; dunkaanii ifiille Beti'el irraa gara seensa adu'uutitti, Aayin irraa gara baya adu'uutitti dhaabate; achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate.
GEN 12:9 Achiin duuba, Abraam gara kibba Kana'aanii garuma duraa deeme.
GEN 12:10 Biyya kibba Kana'aaniititti beelti hantuun waan buuteef, Abraam yennaa beelaa san achitti dabarsiisaaf, gara biyya Gibxi'ii gad bu'e.
GEN 12:11 Inni Biyya Gibxi'ii seeniisaaf yennaa dhikaate, niitii ifii Saaraayiin, «Ani akka ati dubartii dansitti'ii hin beeka;
GEN 12:12 Worri Gibxi'ii yennaa si dhagge, ‹Tun niitii isaa ti› jedhanee na hin ijjeesan; si ammoo hin lakkisan.
GEN 12:13 Marroo teetiif akka naaf tolu, sababa keetiif akka jiraadhuuf, ‹Ani obboleettii isaa ti› jedhi» jedhe.
GEN 12:14 Abraam biyya Gibxi'ii yennaa seene, worri Gibxi'ii niitiin isaa guddoo dansittii akka teete dhaggane.
GEN 12:15 Qondaaltoti mootii Gibxi'ii yennaa isii dhaggane, dansummaa isi'ii mooticha Gibxi'iititti jajane. Gara mana mootichaalle isii geessane.
GEN 12:16 Mootichille isi'iif jedhee Abraamitti tole; inni hoolee, loon, harree, gaalota, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii isaaf kenne.
GEN 12:17 Ammoo sababa Saaraayii niitii Abraamiitiif, Mootiin Waan Maraa mootichaa fi kolbaa mana mootichaa keessa jirtutti dhukkuba hamaa buuse.
GEN 12:18 Maarre mootichi biyya Gibxi'ii Abraam waamee, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Akka isiin niitii teeti teete maaf natti hin himin?
GEN 12:19 Ati maaf, ‹Isiin obboleettii tiyya› jette? Tanaaf ani niitii isii godhadhee fuudhe. Amma niitiin teeti kunoo ti; fudhadhuu deemi!» Jedheen.
GEN 12:20 Mootichi marroo Abraamiitiif namoota ajajee, isaan niitii isaatii fi waan inni qabu mara woliin biyya Gibxiitii isa baasane.
GEN 13:1 Abraam niitii ifiitii fi waan qabu mara fudhatee, gara biyya kibba Kana'aanii deeme; Looxille isa woliin deeme.
GEN 13:2 Abraam hori'iin, meeti'ii fi worqi'iin guddoo dureessa.
GEN 13:3 Inni kibba Kana'aaniitii ka'ee, asii fi achi goggodaanee, haga Bet'elii deemee, Bet'elii fi Aayi odduu lafa dur dunkaana ifii itti dhaabbateeru takka geye.
GEN 13:4 Dur inni addee tanatti addee ciincaa itti ciincessanu ijaareeraayyu; inni achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate.
GEN 13:5 Looxiin Abraam woliin deemelle hori'ii fi maatii, akkasuma tajaajiltoota ifii qabaayyu.
GEN 13:6 Abraamii fi Loox horii guddaa waan qabanuuf, woliin turiisaaf lafa marraa isaan lamaaniifuu geettu dhabanee,
GEN 13:7 tissitoota horii Abraamiitii fi tissitoota horii Looxii oddu'utti lolli ka'e; yennaa san Kana'aanotii fi Pheeriisoti lafa san keessa le'aniiyyu.
GEN 13:8 Achiin duuba Abraam, Looxiin, «Nuuti obboleeyyan waan teeneef, si'ii fi ana oddu'utti, tissitoota horii keetiitii fi tissitoota horii kiyyaa oddu'utti lolli ka'uu hin malle.
GEN 13:9 Kunoo, latti duudiin si dura jirtii motii? Gargar baanuu ti! Ati yoo gara bita'aa fudhatte, ani gara middaa deema; yookiin ati yoo gara middaa fudhatte, ani gara bita'aa deema» jedhe.
GEN 13:10 Loox adaala ilaalee, dhooqi Yordaanosii haga qachaa Zo'aariititti akka oorruu Mootiin Waan Maraa Edenitti godhee, akka lafa Gibxi'iille bisaan akka qaddu dhagge; tun Mootiin Waan Maraa qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa balleessiisaan dura.
GEN 13:11 Maarre Loox dhooqa Yordaanosii mara filatee, gara baya adu'uu godaane. Akka kanaan isaan lamaan gargar bayane.
GEN 13:12 Abraam lafa Kana'aanii keessa le'ee, Loox ammoo qachoota dhooqa Yordaanosii odduu le'e; dunkaana ifiille Yordaanos biratti dhaabbate.
GEN 13:13 Bara san kolbaan Sodoomii hamoolee, worra cubbuu guddo'oon Mootii Waan Maraa yakkeeru.
GEN 13:14 Loox isa irraa gargar bayeen duuba, Mootiin Waan Maraa Abraamiin, «Ol jedhiitii, lafa amma jirtu tana, kaabaa fi kibba, gara aduun baatuu fi seentu ilaali;
GEN 13:15 Lafa ati dhaggitu tana duudii si'ii fi sanyii teetiif hin kenna; isiille haga bara baraa teessan hin teeti.
GEN 13:16 Ani sanyii teeti akka maansa lafaa hin godha; nami maansa lafaa laakkowuu yoo dande'e, sanyiin teetille laakkowamuu hin dandeetti.
GEN 13:17 Ani isii waan sii kennuuf, ka'iitii, dheerinna fi badhinna lafaa keessa deemi» jedhe.
GEN 13:18 Maarre Abraam dunkaana ifii buqqifatee, qilxaa Mamre'ee ka Hebroonitti dhiko'oo bira dhufee qubate. Achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare.
GEN 14:1 Bara san mootiin biyya Shiinaarii Amraafel, mootiin biyya Elaasaarii Aryook, mootiin biyya Elaamii Kador-Laa'omer, mootiin gosa biyya adda addaa Tidaal mootummaa irra jiraniiyyu.
GEN 14:2 Mootoleen tun mootii Sodoomii Beeraa, mootii Gomora'aa Birishaa, mootii Aadima'aa Shanaab, mootii Zebo'iimii Shemeber, mootii qachaa Bela'aa, ka amma qachaa «Zo'aar» jedhamu loliisaaf dhaqane.
GEN 14:3 Worri loliisaaf yaa'e kun dhooqa siidiimii ta amma «Abbaayaa sooddaa» jedhantu keessatti wolitti gurmaaye.
GEN 14:4 Mootoleen tun woggaa kudhanii lamaaf, mooticha Kador-Laa'omeriif tajaajilanee, woggaa kudhanii sadeesso'ootitti ammoo finqilaan itti ka'ane.
GEN 14:5 Woggaa kudhanii arfeesso'ootitti Kador-Laa'omerii fi mootoleen isa woliin gurmaayane loltoota ifii woliin dhufanee, worra Refaa'iimii addee «Ashitaarot-Karnaayim» jedhantutti, worra Zuziimii addee «Ham» jedhantutti, worra Emiimii addee «Dirree Kiriiyataayim» jedhantutti,
GEN 14:6 worra Hooriille gaara Se'iirii irraa haga El-Phaaranii irga goomole'eetitti injifatane.
GEN 14:7 Achiin duuba isaan deebi'anee gara En-Miisphaatii ta «Qaadeshi» jedhantuu dhufanee, lafa Amaaleqootaa duudii qabatanee, Amoorota worra Haazezon-Taamaar keessa le'anulle injifatane.
GEN 14:8 Achiin duuba mootiin Sodoomii, mootiin gomora'aa, mootiin Aadima'aa, mootiin Zebo'iimii, mootiin Bela'aa ka «Zo'aar» jedhamu, bayanee dhooqa Siidiimii keessatti isaan lolane.
GEN 14:9 Isaan mootii biyya Elaamii Kador-Laa'omer woliin, mootii gosa biyya adda addaa woliin, mootii biyya Shiinaarii Amraafel woliin, mootii biyya Elaasaarii Aryook woliin wol lolane; akka kanaan moototi shanan mootota arfan woliin wol lolane.
GEN 14:10 Dhooqi Siidiimii boolla leyyaa lafa keessaa dhaggamuun guutanteertiiyyu; mootiin Sodoomiitii fi Gomora'aa adoo baqatanuu boolla bu'ane; worri hafe ammoo gara gaaraa baqate.
GEN 14:11 Moototi arfan sun worra Sodoomiitii fi Gomora'aa irraa waan isaan qabanu mara, sagalee isaaniille fudhatanee deemane.
GEN 14:12 Ilmi obboleessa Abraamii Loox, Sodoom keessa le'aa waan tureef, isaan waan inni qabu maraa fi isa booji'anee deemane.
GEN 14:13 Namichi miliqee bayeeru tokko ammoo, gara Abraamii Ibraawichaa dhufee waan te'e mara itti hime; yennaa san Abraam qilxoota Mamree Amoorichaa bira le'aayyu; Mamreen obboleessa Eshikoliitii fi Anerii ti. Isaan kun yennaa lolaa Abraam qarqaariisaaf wolii galtee godhataneeran.
GEN 14:14 Abraam booji'amiisa ilma obboleessa ifii yennaa dhage'e, namoota dhibba sadii fi kudhanii saddeeti worra mana isaatitti dhalatanee lolaaf leenji'ane waamee, worra booji'e san haga Daaniititti hordofe.
GEN 14:15 Inni halkaniin akka lolanuuf namoota ifii gargar qoqoodee, diinota ifii lolee injifatee, haga Hobaa Damaasqoo irraa gara kaabaa jirtuu ari'ane.
GEN 14:16 Waan isaan booji'aneeranu mara, ilma obboleessa ifii Loox, waan inni qabu woliin, dubartootaa fi worra booji'ameeru dhibiille deebisee fide.
GEN 14:17 Abraam Kador-Laa'omerii fi mootota isa woliin jiranu injifatee adoo deebi'iisatti jiruu, mootiin Sodoomii dhooqa Shawwee ta «Dhooqa mooti'ii» jedhantutti isa qophatiisaaf baye.
GEN 14:18 Mootichi Saalemii Malkiisedeq, hayyicha Waaqa Ol Aana'aa, daabbo'oo fi daadhii woyni'ii Abraamiif fidee,
GEN 14:19 isa eebbisee, «Waaqi Ol Aanaan, ka ol-gubba'aa fi lafa dade, Abraam eebbisuu ti;
GEN 14:20 Waaqi Ol Aanaan, ka diinota keeti harka keetitti kenne, leellifamuu ti!» jedhe. Abraamille waan booju'uun dhaggate mara irraa kudhan keessa tokko Malkiisedeqiif kenne.
GEN 14:21 Mootichi Sodoomii, Abraamiin, «Waan dhibii mara fudhadhuu, namoota kiyya naa deebis» jedhe.
GEN 14:22 Abraam deebisee, «Mootii Waan Maraa Waaqa Ol Aanaa, ka ol-gubba'aa fi lafa dade duratti hin kakadha;
GEN 14:23 akka ati, ‹Anatti Abraam duroonse› hin jenneef, waan keeti keessaa liilana tokko yookiin waan kophe'een hidhatanulle hin fudhadhu.
GEN 14:24 Waan namooti kiyya nyaatane malee, ani womaa hin fudhadhu, worri na woliin dhaqe Aner, Eshikolii fi Mamreen qooda ifii fudhatanuu ti» jedhe.
GEN 15:1 Wonni kun teeteen duuba, jechi Mootiin Waan Maraa mudhi'iin gara Abraamii dhufee, «Abraam, hin sodaatin, ani wontee teeti; ani gatii guddoo si'iif hin kenna» jedhe.
GEN 15:2 Abraam ammoo, «Ee, Goottaa, Mootii waan maraa, adoo ani uumaa dhabeeruu, gatiin naaf kennitu maan naa gooti? Nami na dhaalu Elii'ezaar nama Damaasqo'oo ti» jedhe.
GEN 15:3 Abraam ammalle, «Kunoo, ati uumaa naaf waan hin kenniniif, garbicha mana kiyya keessatti dhalate tokkotti na dhaalaara» jedhe.
GEN 15:4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, «Inni si hin dhaalu, ilma ati ifii uumattutti si dhaala» jedheen.
GEN 15:5 Mootiin Waan Maraa alatti isa baasee, «Gara gubba'aa ol ilaaliitii, yoo laakkowuu dandeette, urjoota laakkowi» jedhe. Achiin duuba, inni Abraamiin, «Maarre sanyiin teetille akkasuma hin teeti» jedheen.
GEN 15:6 Abraam Mootii Waan Maraatitti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle akka balchumma'aatitti isaaf laakkowante.
GEN 15:7 Achiin duuba inni, Abraamiin, «Ani Mootiin Waan Maraa biyya tana akka ati dhaaltuuf, Ur lafa kaldootaa keessaa si baase» jedhe.
GEN 15:8 Abraam ammoo, «Ee, Goottaa, Mootii Waan Maraa, akka dhaalu attamiin beeka?» jedheen.
GEN 15:9 Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Goronsa woggaa sadii, re'ee dhaltuu woggaa sadii, korbeessa hoole'ee ka woggaa sadii, saphaliisaa fi maddoo naa fidi» jedhe.
GEN 15:10 Abraam isaan kana mara gara isaa fidee, addee lama lamatti kukkutee, ka kukkutamane san gama tokko gama kaaniin wolitti fuula galchee keye; sinbirroota ammoo hin kukkunne.
GEN 15:11 Yennaa allaattiin reeffa nyaatiisaaf dhutte, Abraam irraa ari'e.
GEN 15:12 Adoo aduun seeniisatti jirtuu, hirriibi hamaan Abraamitti bu'ee, soda'aa fi dukkanti dimmi isatti dhutte.
GEN 15:13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Sanyiin teeti biyya ormaa keessatti alagaa te'iisaaf, achille'etti garboota te'iisaaf, woggaa dhibba afur akka cunqurfamu'uuf jiranu beeki!
GEN 15:14 Ani ammoo gosa biyya isaan garboonfattu san hin adaba; isaan karra guddoo fudhatanee achii hin bayan.
GEN 15:15 Ati ifiif, dulloontee bara dheeraa leetee, nageyaan duutee, hin awwaalanta.
GEN 15:16 Yennaan worri Amoorotaa adabamanu haga ammaa waan hin geyiniif, sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti deebi'anee hin dhufanu» jedhe.
GEN 15:17 Yennaa aduun seentee dukkanootte, okkoteen ibiddaa ta aartuu fi umeessaan bobe'u foon gargar kukkutame wodhakkaa dabare.
GEN 15:18 Gaafas Mootiin Waan Maraa Abraam woliin gondooroo gondoorate, «Ani lafa tana laga Gibxi'iitii jalqabee haga laga guddicha Efraaxiisiititti sanyii teetiif hin kenna.
GEN 15:19 Latti tun lafa Qenootaa, lafa Qeniizotaa, lafa Qadimonootaa,
GEN 15:20 Heetotaa, Pheriizotaa, Refaa'otaa,
GEN 15:21 Amoorotaa, Kana'aanotaa, Girgaashotaatii fi Yibusootaa ti» jedhe.
GEN 16:1 Niitiin Abraamii Saaraayi, ijoollee isaaf deettee hin jirtuuyyu. Isiin hojjattuu «Aggaar» jedhantu takka qaddi; Aggaar nama biyya Gibxi'ii ti.
GEN 16:2 Saaraayille Abraamiin, «Mootiin Waan Maraa ijoollee dewuu akka na dhoogge hin dhaggita; hojjattuu tiyya bira geyi! Karaa isi'iitiin ijoollee hin dhaggadha fa'aa» jette. Abraamille dubbii Saaraayii dhage'e.
GEN 16:3 Niitiin Abraamii Saaraayi hojjattuu ifii Aggaarii nama biyya Gibxi'ii san fiddee, akka niiti'iititti dhirsa ifiitiif kennite; kunille Abraam biyya kana'aanii keessa woggaa kudhan le'een duuba te'e.
GEN 16:4 Abraam Aggaar bira geyee, isiille ulfootte; isiin akka ulfootte yennaa dhaggite, giittii ifii irratti mataa dhaadde.
GEN 16:5 Achiin duuba Saaraayi Abraamiin, «Tun balleessaa teeti. Anumattuu isii si'iif kenne; isiin ammoo akka ulfootte beettee, na irratti mataa dhaadde. Ati yookiin ani sirrii akka teene, Mootiin Waan Maraa muruu ti» jette.
GEN 16:6 Abraam ammoo Saaraayiin, «Ati giittii hojjattuu teetii ti; akka jaalatte isii godhi» jedhe. Achiin duuba Saaraayi waan isii miicceef, isiille jalaa baqatte.
GEN 16:7 Ergamaan Mootii Waan Maraa goomolee keessatti madda bisaanii biratti Aggaar dhagge; maddi bisaanii sun karaa Shuur geessu gubbaa jiraayyu.
GEN 16:8 Inni, hojjattuu Saaraayii, Aggaariin, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta?» jedheen. Isiin, «Giittii tiyya Saaraayi jalaa baqatiisatti jira» jette.
GEN 16:9 Ergamaan Mootii Waan Maraalle, isi'iin, «Gara giittii teetii deebi'iitii, isii tajaajili» jedhe.
GEN 16:10 Ergamaan Mootii Waan Maraa itti dabalee, «Ani sanyii teeti hin baceessa; bacinna isaaniitiin ka ka'e, eennulle isaan laakkowee hin dande'u.
GEN 16:11 Ati amma ulfootteerta, ilmalle hin deetta; iyya ati miicantee iyyite Mootiin Waan Maraa waan dhage'eef, maqaa isaalle ‹Ishimaa'el› jetta.
GEN 16:12 Inni akka harree diidaa hin le'a; inni nama mara hin morma; nami martille isa hin morma. Fira ifii mara irraa adda bayee hin le'a» jedhe.
GEN 16:13 Aggaarille, «Ani dhugumaan Mootii Waan Maraa ka na dhaggu dhaggee?» waan jetteef, Mootii Waan Maraa ka isi'itti dubbate san, «El-Ro'i» jettee waante.
GEN 16:14 Tanaaf namooti baleessa Qaadeshii fi Baared wodhakkaa jiru, «Be'er-Lahaayi-Ro'i» jedhanee waamane.
GEN 16:15 Aggaar ilma Abraamiif deette; Abraamille ilma ifii ka Aggaar deette, «Ishimaa'el» jedhee maqaa baase.
GEN 16:16 Aggaar yennaa Ishimaa'el isaaf deette, Abraam nama woggaa saddeettamii jaa ti.
GEN 17:1 Abraam nama woggaa sagaltamii sagalii yennaa te'etti, Mootiin Waan Maraa Abraamitti mudhatee, «Ani Waaqa waan mara dande'u; naaf ajajamiitii ka komii hin qanne te'i.
GEN 17:2 Anille wodhakkaa tiyyaa fi teetitti gondooroo hin gondoora; sanyii teeti hin baceessa» jedheen.
GEN 17:3 Achiin duuba Abraam fuulaan lafatti gombifame; Waaqille isaan
GEN 17:4 «Gondooroo ani si woliin gondooru tana: Ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu hin teeta.
GEN 17:5 Maqaan keeti haganaa achi, ‹Abraam› hin jedhamu, ani abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu waan si godhuuf, maqaan keeti, ‹Abrahaam› jedhama.
GEN 17:6 Ani sanyii hedduu sii hin kenna. Isaan gosa biyya adda addaa hin te'an; isaan keessaa gariin mootota hin te'an.
GEN 17:7 «Ani si'iif Waaqa te'ee, si'iin duuballe sanyii teetiif Waaqa te'iisaaf Gondooroo tiyya anaa fi si wodhakka'atti, dhaloota si'iin duuba jiranu, sanyii isaanii wodhakkaalle'etti Gondooroo haga bara baraa godhee, jabeessee hin gondoora.
GEN 17:8 Lafa ati amma alagaa itti teete, lafa Kana'aanotaa mara si'ii fi sanyii teetiif haga bara baraa hin kenna; ani Waaqa isaaniille hin te'a» jedhe.
GEN 17:9 Ammalle Waaqi Abrahaamiin, «Atii fi sanyiin teeti, dhalooti si'iin duubaalle gondooroo tiyya eegadha'a.
GEN 17:10 Gondooroon tiyya ta anaa fi si wodhakka'atti, dhalooti si'iin duubaalle eegatuu qaddanu, ‹Isin keessaa dhiirti martinuu haqanqabaa qabatanuu ti› ka jedhu.
GEN 17:11 Isin haqanqabaa qabadha'a! Kunille gondooroo anaa fi isin wodhakkaa jirtuuf beessisa hin te'a.
GEN 17:12 Dhaloota mara keessatti dhiira te'ee mana keeti keessatti ka dhalatu mara, garbicha mana keeti keessatti dhalatu, sanyii teeti keessaa adoo hin te'in ka orma irraa beese'een bitamelle, dhalatee guyyaa saddeetitti haqanqabaa qabamuu ti.
GEN 17:13 Garbichi mana keeti keessatti dhalatee fi ka beese'een bitamelle lamaanuu haqanqabaa qabamanuu ti. Gondooroon tiyya ta beessisi isi'ii foon keessan irratti mudhatu gondooroo bara baraa hin teeti.
GEN 17:14 Dhiirti haqanqabaa hin qabatin marti, gondooroo tiyya waan cassiteef, kolbaa ifii keessaa hin balleeffanti» jedhe.
GEN 17:15 Waaqi ammalle Abrahaamiin, «Niitii teeti Saaraayi, haganaa achi ‹Saaraayi› jettee hin waamin; ammaan jalqabee maqaan isi'ii ‹Saaraa› jedhamuu ti.
GEN 17:16 Ani isii hin eebbisa; isii irraa ilma si'iif hin kenna. Ani isii hin eebbisa, isiille haadha gosa biyya adda addaa hin teeti; sanyii isi'ii keessaa gariin mootota hin te'an» jedhe.
GEN 17:17 Achiin duuba Abrahaam fuulaan lafatti gad gombifame; ammoo kollee, «Nami jaarsi woggaa dhibbaa ilma dande'ee uumataa? Saaraan jaartiin woggaa sagaltamaa ilma deettee dandeettii?» ifiin jedhe.
GEN 17:18 Inni Waaqaan, «Ishimaa'el ilma waadaa ati naaf galte adoo te'ee dansa'aayyu» jedhe.
GEN 17:19 Waaqi ammoo, «Waawwo'o. Niitiin teeti Saaraan ilma siif hin deetti; maqaa isaalle, ‹Yisihaq› jettaan. Ani Gondooroo tiyya ta bara baraa isaa fi sanyii isaa ta isa duubaatiif hin gondoora.
GEN 17:20 Marroo Ishimaa'eliitiif waan ati daadimatte si'iif dhage'eera; ani isa eebbisee, ijoollee isaaf kennee, sanyii isaa bacaa hin godha. Inni abbaa sooreyyii gugurdoo kudhanii lamaa hin te'a; gosa guddoolle isa hin godha.
GEN 17:21 Ani ammoo Gondooroo tiyya, Yisihaqii Saaraan bara dhufu yennaa tanatti si'iif deettu woliin hin gondoora» jedhe.
GEN 17:22 Waaqi Abrahaam woliin dubbateen duuba isa biraa ol baye.
GEN 17:23 Gaafasuma Abrahaam ilma ifii Ishimaa'el, tajaajiltoota mana isaa keessatti dhalatane mara, worra beesee isaatiin bitamane mara, namoota mana isaa keessa jiranu keessaa dhiira ka te'ane maraayyuu fuudhee, akkuma Waaqi isa ajajetti haqanqabaa qabe.
GEN 17:24 Abrahaam haqanqabaa yennaa qabatu, woggaan isaa sagaltamii sagal.
GEN 17:25 Ilmi Abrahaamii Ishimaa'el yennaa haqanqabaa qabatu, woggaan isaa kudhanii sad.
GEN 17:26 Abrahaamii fi ilmi isaa Ishimaa'el gaafuma tokko haqanqabaa qabatane.
GEN 17:27 Namooti mana isaa keessaa martille, tajaajiltooti mana isaa keessatti dhalatanee fi worri orma irraa beese'een bitamanee dhufane, Abrahaam woliin haqanqabaa qabatane.
GEN 18:1 Abrahaam Saafowa seensuma dunkaana ifii dura tee'eeruun, qilxaa Mamre'ee biratti, Mootiin Waan Maraa isatti mudhate.
GEN 18:2 Inni ol ilaalee namooti sadiin isa bira dhaabbataneeranuun dhagge; akkuma isaan dhaggeen, isaan qophatiisaaf seensuma dunkaani'ii duraa gara isaanii rukkisee, lafatti gad gombifamee,
GEN 18:3 tokkochaan, «Goottaa kiyya, ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhe tajaajilaa keeti irra hin dabarin.
GEN 18:4 Me, bisaan diqqaa isaa isinii fida; miila keessan dhiqadha'aatii, muka kana jalatti foorfadha'a.
GEN 18:5 Gara mana ana tajaajilaa keessanii eega dhuttanee, dadhabbii akka baatanuuf, daabboo diqqoo takka isinii fida; achiin duuba dabaruu hin dandeettan» jedhe; isaan deebisanee, «Akkuma jette san godhi» jedhane.
GEN 18:6 Abrahaam ariifatee gara Saara'aa dunkaana keessa dhaqee, «Dafiitii, bullaa dansittii meya itti safaranu sad, sukkuumii, bilcheessi» jedheen.
GEN 18:7 Achiin duuba Abrahaam gara tikaa rukkisee, jabbilee bobbosoqqee keessaa tokkocha fuudhee, tajaajilaa dafee qalee qopheessu tokkotti kenne.
GEN 18:8 Achiin duuba inni itittuu, aananii fi foon qophowe san geessee, isaaniif dhikeesse; yennaa isaan nyaatanu, Abrahaam muka jala isaan bira dhaabbateeraayyu.
GEN 18:9 Yennaa san isaan, «Niitiin teeti Saaraan eessa jirti?» jedhaneen. Inni, «As dunkaana keessa jirti» jedheen.
GEN 18:10 Isaan keessaa tokkochi, «Bara dhufu yennaa akkanaa tana deebi'ee gara keeti hin dhufa; yennaa san Saaraan niitiin teetii ilma hin deetti» jedhe. Yennaa inni tana dubbatu Saaraan balbala dunkaani'ii ta Abrahaamiin duuba jirtu dura dhaabbattee dhage'iisatti jirtiiyyu.
GEN 18:11 Abrahaamii fi Saaraan guddoo dulloomaneeraniiyyu; Saaraalle aadaan dubarti'ii irraa dhaabbatteertiiyyu.
GEN 18:12 Maarre saaraan, gadhaa ifii keessatti «Ani eega dulloomee gergeshe, dhirsi kiyyalle dulloomee gergeshe, ani isa bira geyiisaaf halcha'aayyuu hin qabaadhaa?» jettee kollite.
GEN 18:13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Abrahaamiin, «Maaf Saaraan, ‹Ani dulloomee gergesheen duuba, ani dhugumaan deyiisa hin dande'aa?› jette.
GEN 18:14 Wonni Mootiin Waan Maraa dadhabu ijjumaayyuu hin jirtii? Bara dhufu yennaa akkanaa tana ani deebi'ee gara keeti hin dhufa; akkuma sitti hime Saaraan yennaa san ilma hin deetti» jedhe.
GEN 18:15 Saaraan guddoo waan sodaatteef, «Ani hin kolline» jettee mormatte. Inni ammoo, «Dhuguma, kolliteerta» jedhe.
GEN 18:16 Namooti sadiin sun yennaa achii ka'ane, gara Sodoomii ilaalane; Abraamille geegessiisaaf isaan woliin baye.
GEN 18:17 Mootiin Waan Maraa, «Ani waan godhu'uu jiru Abrahaam hin dhossu.
GEN 18:18 Abrahaam gosa guddo'oo fi hunnaamettii hin te'a; gosi lafa irra jirtu marti karaa isaatiin hin eebbifanti.
GEN 18:19 Balchumma'aa fi haqa hujiisaan karaa Mootii Waan Maraa akka eegatanu, ijoollee ifiitii fi worra mana ifii gorsiisaan akka sooressu ani isa filadheera; ijoolleen isaa waan kana yoo goote, anille waadaa isaaf gale duudii hin muummessa» jedhe.
GEN 18:20 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Iyyannoon worra Sodoomiitii fi Gomora'aa irratti dhikaatte attam attam guddo'o! Cubbuun isaaniille akka malee guddo'o!
GEN 18:21 Ani gad bu'ee wonni isaan hujane martinuu akka iyyannoo gara kiyya dhikaatte sanii te'uu isi'ii hin ilaala» jedhe.
GEN 18:22 Achiin duuba namooti lamaan gara Sodoomii deemiisa ka'ane; Mootiin Waan Maraa ammoo Abrahaam woliin hafe.
GEN 18:23 Yennaa san Abrahaam gara Mootii Waan Maraa dhikaatee, «Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin lafa irraa balleessaartaa?
GEN 18:24 Namooti balchooti shantam qachaa san keessa yoo jiraatane, qachaa duudii hin balleessitaa? Namoota balchoota shantama achi keessa le'anuuf jettee hin lakkittuu?
GEN 18:25 Ati dhugumaan balchoota dabaaleyyii woliin hin ijjeettu; ati tana hin gootu; yoo tana goote namooti balchooti dabaaleyyii woliin hin adabaman; tun ijjumaa hin teetu. Ka biyya lafaa duudi'itti muru, sirri'itti muruu hin qabuu ree?» jedhe.
GEN 18:26 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani namoota balchoota shantama qachaa Sodoomii keessatti yoo dhagge, ani isaaniif jedhee qachaa san duudii hin fayyisa» jedhe.
GEN 18:27 Abrahaam deebisee, «Ani nama woy hin baane buku'uu fi daadha'a; Goottaa kiyya sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne'ee naaf araaram.
GEN 18:28 Balchoota shantama keessaa shanan hin dhidhatan fa'a; sababa shanan dhidhataneef qachaa duudii hin balleessitaa?» jedhe. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani balchoota afurtamii shan achitti yoo dhagge, ani qachaa san duudii hin balleessu» jedhe.
GEN 18:29 Abrahaam ammalle isaan, «Balchoota afurtama qofa achitti yoo dhaggite hoo?» jedhe. Inni deebisee, «Balchoota afurtama yoo dhagge hin balleessu» jedhe.
GEN 18:30 Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, ammalle deebi'ee yoo dubbadhe hin aarin. Balchoota soddoma qofa qachaa san keessatti yoo dhaggite hoo?» jedhe. Inni deebisee, «Ani balchoota soddoma qachaa san keessatti yoo dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe.
GEN 18:31 Abrahaamille, «Mootii waan maraa, sodaa malee waan sitti dubbadheef, maganne'ee naaf araaram. Balchooti diddam qofa achitti yoo dhaggamane hoo?» jedhe. Inni deebisee, «Ani balchoota diddama saniif jedhee, qachaa san hin balleessu» jedhe.
GEN 18:32 Achiin duuba Abrahaam, «Mootii waan maraa, takkattii tana qofa dubbadha, maganne'ee natti hin aarin. Balchooti kudhan qofa achitti yoo dhaggame hoo?» jedhe. Inni deebisee, «Ani balchoota kudhan yoo achitti dhagge, qachaa san hin balleessu» jedhe.
GEN 18:33 Mootiin Waan Maraa Abrahaam woliin dubbatee fixateen duuba deeme; Abrahaamille gara addee ifii deebi'e.
GEN 19:1 Ergantooti Waaqaa lamaan galgaluma san gara Sodoomii dhutte; Yennaa san Loox karra qacha'aa bira tee'eeraayyu. Inni yennaa isaan dhagge, isaan qophatiisaaf itti dhaqee lafatti gad gombifamee,
GEN 19:2 «Goottota tiyya, maganne'ee, gara mana tajaajilaa keessanii kowa'a. Miila keessan dhiqa'aatii bula'a; barii ganama deemuu dandeettan» jedhe. Isaan ammoo, «Waawwo'o; nuuti asuma badhinna qacha'aa bulla» jedhane.
GEN 19:3 Inni ammoo jabeessee isaan waan kadhateef, isa woliin gara mana isaa dhaqane. Loox daabboo bilcheessanee, sagalee galgalaa dansaa akka isaaniif qopheessanu tajaajiltoota ifii ajaje. Yennaa sagaleen qophootte isaan nyaatane.
GEN 19:4 Isaan adoo hin rafiniin dura, namooti qachaa Sodoomii, dargaggeeyyi'ii fi jaarsoleen dhiirti qachaa sanii marti mana san marsane.
GEN 19:5 Isaan Loox waamanee, «Namooti galgala kana gara keeti buliisaaf dhufane meet? Akka isaan bukkoonsinu gad nutti baasi» jedhane.
GEN 19:6 Loox gara isaanii gad bayee, balbala ifi duubaan cufatee,
GEN 19:7 «Maganne'ee Obboleeyyan tiyya, waan daba akkasii hin hujina'a!
GEN 19:8 Kunoo, ani durra lamaan ta dhiirti ijjumaa bira hin geyin qaba; isaan gad isiniif baasaa akka feetane godha'a. Namoota kana waan tokkolle hin godhina'a; isaan keessummoota tiyya waan te'aneef, ani isaan eeguu qaba» jedhe.
GEN 19:9 Isaan ammoo deebisanee, «Namicha alagaa kana, asii badi! Waan nuuti goonu ka nutti hintu, ati eennuu? Hantuu namoota san irratti goonu caalaa hin goona» jedhane. Isaan Loox duubatti darbanee, balbala cassiisaaf bira geyane.
GEN 19:10 Namooti keessummooti sun ammoo harka ifii gad baafatanee, Loox gara manaa ol seensisanee, balbala cufane.
GEN 19:11 Achiin duuba isaan worra balbala manaa duraa san diqqa'aa haga gudda'aatitti ila sipheessanee, isaan balbala dhagguu dadhabane.
GEN 19:12 Achiin duuba worri keessummootaa sun Looxiin, «Qachaa kana keessaa ilmaanii fi ijoollee durraa, worra durra teeti kadhateeru yookiin fira dhibii yoo qabaatte as keessaa baasi.
GEN 19:13 Nuuti addee tana balleessaarra; iyyati worra addee tanaa irratti gara Mootii Waan Maraa dhikaate guddaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa qachaa kana akka balleessinuuf nu ergeera» jedhane.
GEN 19:14 Achiin duuba Loox gara worra durra isaa kadhateeruu dhaqee, «Ariifadha'a, addee tana keessaa baya'a; Mootiin Waan Maraa addee tana waan balleessaaruuf qachaa kana keessaa baya'a» jedheen. Worri durra isaa kadhateeru ammoo waan taphatu itti fakkaatte.
GEN 19:15 Boruyyaa barii ganama ergantooti Waaqaa sun Looxiin, «Ariifadhuu, qachaan kun yennaa badu woliin akka hin banneef, niitii teeti, ijoollee teeti ta durraa lamaan fudhadhuutii addee tanaa bayi» jedhanee Loox ariifachiisane.
GEN 19:16 Loox ammoo mame; te'ulle Mootiin Waan Maraa waan isa marareef, namooti lamaan sun isa, niitii isaa, ijoollee isaa ta durraa lamaan harka qabanee qachaa keessaa akka baasanu godhe.
GEN 19:17 Qachaa keessaa isaan baasaneen duuba, ergamaa Waaqaa keessaa tokkochi, «Jiruu teessan hamburatiisaaf baqadha'a; ifiin duuba hin ilaalina'a! Dhooqa keessatti eessalle'etti hin dhaabbatina'a! Akka hin duuneef gara gaaraa baqadha'a!» jedhe.
GEN 19:18 Loox ammoo deebisee, «Waawwo'o, Goottota tiyya;
GEN 19:19 ani tajaajilaan keessan isin duratti fudhatama dhaggadheera; jiruu tiyyalle fayyisiisaaf arjummaa guddoo naaf gootaneertan. Ani ammoo gara gaaraa baqadhee jalaa bayuu waan hin dandeenneef, badiin tun kara'atti na dhaqqaddee, ani hin du'a.
GEN 19:20 Kunoo, qachaan sun itti baqatiisaaf dhikoo jira, qachaa diqqaalle'e. Akkuma isin dhaggitanu qachaa diqqa'aa motii ree? Ani achitti baqadhee jiruun tiyya akka fayyitu naaf godhi» jedheen.
GEN 19:21 Ergamaan Waaqaa deebisee, «Tole, akkuma ati jette teetu; qachaa jette sanille hin balleessu.
GEN 19:22 Haga ati achi geettutti, ani womaa godhee waan hin dandeenneef, ariifadhuu, achi baqadhu» jedheen. Qachaan sun diqqaa waan te'eef, maqaan isaa, «Zo'aar» jedhame.
GEN 19:23 Yennaa Loox Zo'aar gewu, aduun bayiisatti jirtiiyyu.
GEN 19:24 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dhakaa bobe'uu fi ibidda qachoota Sodoomii fi Gomora'aa irratti ol-gubbaa irraa akka gad roobu godhe.
GEN 19:25 Inni qachoota san, dhooqa san mara, namoota qachaa san keessaa maraa fi waan lafa san irratti lateeru mara balleesse.
GEN 19:26 Niitiin Looxii ammoo, gara duubaa ilaaltee, soodduu sooddaa teete.
GEN 19:27 Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, addee dur Mootii Waan Maraa dura dhaabbate dhaqe.
GEN 19:28 Inni gara qachaa Sodoomiitii fi Gomora'aa, gara dhooqa Yordaanosii duudii gad ilaalee, aarri akka aara barbada ibiddaa ol ka'uun dhagge.
GEN 19:29 Waaqi ammoo yennaa qachoota dhooqa Yordaanosii addee Loox le'aa ture balleesse, Abrahaam yaadatee, Loox badii hantuu san jalaa fayyise.
GEN 19:30 Loox Zo'aar keessa le'uu waan sodaateef, ijoollee durraa ta ifii lamaan fudhatee, gaaratti ol bayee goda keessa le'e.
GEN 19:31 Gaafa tokko intalti isaa angafittiin maandhitti'iin, «Abbaan keenna dulloomaara; akka ijoollee qabaannu, nami nu fuudhu tokkolle biyya tana hin jiru.
GEN 19:32 Koy, abbaa keenna daadhii woyni'ii obaannee macheessinee, isa irraa sanyii lafa irratti hattu akka dhaggannu, isa woliin rannaa» jette.
GEN 19:33 Galgala san isaan abbaa ifii daadhii woyni'ii obaasanee macheessanee, intalti angafittiin ol seentee abbaa ifii woliin ratte; inni yennaa isiin seentee ratte yookiin yennaa isiin kaatelle hin beenne.
GEN 19:34 Guyyaa lammeesso'oo, intalti angafittiin intala maandhitti'iin, «Kunoo, ani eda abbaa kiyya woliin rafeera; galgala adhaalle daadhii woyni'ii isa obaannee macheessinuu ti; abbaa keenna irraa sanyii lafa irratti hattu akka dhaggannu, atille seeniitii isa woliin rafi» jette.
GEN 19:35 Isaan galgala sanille abbaa ifii daadhii woyni'ii obaasanee macheessane; intalti maandhittiille kaatee, isa woliin ratte; inni yennaa isiin seente yookiin yennaa isiin kaatelle hin beenne.
GEN 19:36 Akka kanaan ijoolleen durraa ta Looxii lamaanuu abbaa ifiitiif ulfootte.
GEN 19:37 Intalti angafittiin ilma deettee, maqaa isaa, «Mo'aab» jettee baafatte; inni abbaa sanyii Mo'aabota ammaa ti.
GEN 19:38 Intalti maandhittiille ilma deettee, maqaa isaa, «Ben-Amii» jettee baafatte; inni abbaa sanyii Amoonota ammaa ti.
GEN 20:1 Abrahaam lafa le'aa ture Mamre'ee ka'ee, Qaadeshii fi Shuur wodhakkaa qubate. Qachaa Geraarii keessa alagaa te'ee yennaa le'e,
GEN 20:2 Abrahaam niitii ifii Saaraa, «Isiin Obboleettii tiyya» jedhe. Abiimelekiin mootiin Geraarii tana dhage'ee, itti ergee Saaraa fudhate.
GEN 20:3 Waaqi ammoo halkan oojju'uun gara Abiimelekii dhufee, «Ati sababa dubartii dhirsa qaddu fudhatteef, ati du'aarta» jedheen.
GEN 20:4 Abiimelek ammoo isii bira geyee hin jiruuyyu; maarre inni, «Goottaa kiyya, ani dhugumaan yakkaa hujee hin jiru! Anaa fi kolbaa tiyya hin balleessitaa?
GEN 20:5 Abrahaamittuu, anaan, ‹Isiin obboleettii tiyya›, isi'ittuu, anaan, ‹Inni obboleessa kiyya› hin jennee? Ani wodanaa qulqullu'uun waan kana godheera; ani yakkaa hin qabu» jedhe.
GEN 20:6 Achiin duuba Waaqi, oojju'uun deebisee, «Ee, akka ati wodanaa qulqullu'uun waan kana goote beekeera; tanaaf isii bira geettee akka ati na hin yakkine ka si dhoogge ana.
GEN 20:7 Amma ammoo niitii namichaa isaaf deebisi. Inni raagaa waan te'eef, akka ati hin duune, si'iif hin daadimata. Yoo isii hin deebisin ammoo, dhugumaan atii fi kolbaan teeti duudiille akka duutanu beeki» jedheen.
GEN 20:8 Maarre Abiimelek barii ganamaan ka'ee, qondaaltota ifii mara wolitti waamee, waan kana mara isaanitti hime; isaanille guddoo sodaatane.
GEN 20:9 Achiin duuba Abiimelek Abrahaam waamee, «Ati maaf akkas nu goote? Ani maan si yakkinaan anaa fi mootummaa tiyya irratti cubbuu guddoo akkasii fidde? Ati waan hujamu'uuf hin malle na irratti hujje» jedheen.
GEN 20:10 Ammalle Abiimelek, Abrahaamiin, «Ati maan yaaddee, waan kana goote?» jedhe.
GEN 20:11 Abrahaam deebisee, «Addee tana keessa nami Waaqa sodaatu ijjumaa hin jiru; isaan niitii tiyyaaf jedhanee na ijjeesan jedhee waan yaadeef tana godhe.
GEN 20:12 Karaa tokkoon, isiin dhugumaan obboleettii tiyya. Haati tiyya hin deenne malee, isiin intala abbaa kiyyaa ti; anille isii fuudhe.
GEN 20:13 Yennaa Waaqi akka ani mana abbaa kiyyaatii bayee gara lafa ormaa akka ideemuu na tolche, ani isi'iin, addee dhandhe maratti, ‹Inni obboleessa kiyya› jedhiisaan waan dansaa naaf godhi» jedheeraayyu.
GEN 20:14 Achiin duuba Abiimelek hoolota, loon, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubartootaa fuudhee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraalle isaaf deebisee,
GEN 20:15 «Kunoo, latti tiyya duudiin si dura jirti; addee jaalatte qubadhu» jedheen.
GEN 20:16 Saaraalle'een, «Kunoo, fuula worra si woliin jiruu mara duratti akka ati yakkaa hin qanne mirkaneessiisaaf, obboleessa keetiif meetii kuma tokko kenneera» jedhe.
GEN 20:17 Achiin duuba Abrahaam Waaqa daadimate; Waaqille Abiimelekii fi niitii isaa, tajaajiltoota isaa worra dubartootaalle fayyisee, akka isaan ijoollee deyanu godhe.
GEN 20:18 Sababa Saaraa niitii Abrahaamiitiif, Mootiin Waan Maraa gadaamessa dubartoota mana Abiimelekii keessaa mara cufeeraayyu.
GEN 21:1 Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe Saaraa yaadatee, waadaa gale isi'iif muummesse.
GEN 21:2 Dullummaa Abrahaamii keessa, yennaa Waaqi isatti dubbatetti, Saaraan ulfoottee ilma isaaf deette.
GEN 21:3 Abrahaam ilma Saaraan isaaf deette san, «Yisihaq» jedhee maqaa baase.
GEN 21:4 Ilmi isaa Yisihaq dhalatee guyyaa saddeetesso'ootitti, akkuma Waaqi ajajetti, Abrahaam haqanqabaa isa qabe.
GEN 21:5 Yennaa Yisihaq dhalate, Abrahaam nama woggaa dhibbaa ti.
GEN 21:6 Saaraan, «Waaqi gammadaa fi kolla naaf fideera; nami waan kana dhage'e marti na woliin hin kolla» jette.
GEN 21:7 Saaraan itti dabaltee, « ‹Saaraan Abrahaamiif ijoollee deettee hin hoositti fa'a› eentu jedheera? Ani ammoo bara dullummaa isaa keessa ilma deyeef» jette.
GEN 21:8 Mucaan guddatee, harma irraa gu'e; Abrahaam guyyaa Yisihaq harma irraa gu'e, jila guddoo godhe.
GEN 21:9 Saaraan ammoo, ilmi Aggaarii Gibxittii sanii, ka isiin Abrahaamiif deette, ilma isi'ii Yisihaq woliin taphatuun dhaggite.
GEN 21:10 Maarre Saaraan, Abrahaamiin, «Ilmi garbittii tanaa, ilma kiyya Yisihaq woliin dhaaluu waan hin malleef, garbittii tana ilma isi'ii woliin ari'i» jette.
GEN 21:11 Ishimaa'elille ilmuma isaa waan te'eef, dubbiin tun guddoo Abrahaam rakkitte.
GEN 21:12 Waaqi ammoo Abrahaamiin, «Marroo muca'aatii fi dubartii garbittii teetiitiif hin rakkatin; karaa Yisihaqiitiin sanyii ani waadaa sii gale waan qabaattuuf, waan Saaraan siin jettu mara godhi.
GEN 21:13 Ilmi garbitti'iille ilmuma keetii waan te'eef, ani gosa guddoo isa hin godha» jedhe.
GEN 21:14 Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, daabbo'oo fi bisaan qalqallu'utti guutee dudda isi'iititti ba'achiisee, mucaalle kenneefii ari'e. Isiin achii baatee goomolee Bersheeba'aa keessa joonjite.
GEN 21:15 Yennaa bisaan qalqalluu keessaa sun dhumate, Aggaar mucaa tusee takka jalatti lakkittee,
GEN 21:16 haga darbata laaye'ee irraa fagaattee teettee, «Yennaa mucaan kiyya du'u, tee'ee hin ilaalu» jette. Adduma teette sanitti iyyitee bowiisa jalqadde.
GEN 21:17 Waaqille iyya bowiisa muca'aa dhage'e; ergamaan Waaqaalle ol-gubba'aa Aggaar waamee, «Aggaar, maanti si rakkise? Hin sodaatin. Waaqi iyya bowiisa muca'aa dhage'eera.
GEN 21:18 Ani gosa guddoo waan isa godhuuf, ka'ii mucaa habbaariitii, harka keetille'een jabeessii isa qabi» jedheen.
GEN 21:19 Achiin duuba Waaqi ila isi'ii banee boolla bisaanii dhaggite. Isiin dhaxxee, bisaan qalqallu'utti guuttee, mucaa ifiille obaatte.
GEN 21:20 Akkuma mucaan guddataa deemeen Waaqi isa woliin jiraayyu; inni goomolee keessa le'ee, nama adhii guube'eetiin beekkame te'e.
GEN 21:21 Inni goomolee Phaaraanii keessa le'e; haati isaalle durra worra Gibxi'ii isa fuusifatte.
GEN 21:22 Yennaa san Abiimelek, ajajaa loltuu ifii Fikool woliin dhaqee, Abrahaamiin, «Waaqi waan ati hujju maraan si woliin jira.
GEN 21:23 Anaa fi ijoollee tiyya yookiin sanyii tiyya akka hin sonne, akkuma ani si'iif addatame, atille anaa fi lafa alagaa teetee leetuuf addatamummaa akka mudhittu, amma asitti maqaa Waaqaatiin naa kakadhu» jedhe.
GEN 21:24 Abrahaamille, «Tole, hin kakadha» jedhe.
GEN 21:25 Abrahaam marroo boolla bisaanii ta tajaajiltooti Abiimelekii fudhatteertuu Abiimelekitti iyyate;
GEN 21:26 Abiimelekille, «Kana ka godhe eennu akka te'e ani hin beeku; ati natti hin hinne; haga adhaalle ani hin dhageenne» jedhe.
GEN 21:27 Achiin duuba Abrahaam hoolotaa fi loon fuudhee Abiimelekiif kennee, isaan lamaanuu wol gondoorane.
GEN 21:28 Abrahaam goromee hoole'ee torba tika san irraa fowe.
GEN 21:29 Abiimelekille, Abrahaamiin, «Goromee hoole'ee torba tana ati maaf foote?» jedhe.
GEN 21:30 Abrahaam deebisee, «Akka ani boolla bisaanii tana qote dhugaa akka naaf baatu, goromee hoole'ee torba tana na irraa fudhadhu» jedhe.
GEN 21:31 Tanaaf isaan lamaanuu achitti waan wolii kakataneef, addeen sun, «Bersheebaa» jedhante.
GEN 21:32 Abrahaamii fi Abiimelek Bersheeba'atti wol gondooraneen duuba, Abiimelekii fi ajajaan loltootaa Fikool, ka'anee gara lafa Filisxeemotaa deebi'ane.
GEN 21:33 Achiin duuba Abrahaam Bersheeba'atti muka «Tamariiski» jedhamu tokko dhaabee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa bara baraa waammate.
GEN 21:34 Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa alagaa te'ee yennaa hedduu le'e.
GEN 22:1 Wonni kun teeteen duuba, Waaqi Abrahaam haga ilaale. Inni, «Abrahaam!» jedhee waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe.
GEN 22:2 Achiin duuba Waaqi, «Ilma keeti tokkochuma jaalattu san Yisihaq fuudhiitii, lafa Moriiya'aa dhaqi! Gaara ani sitti mudhisu tokko irratti ciincaa godhii isa naaf dhikeessi» jedhe.
GEN 22:3 Maarre Abrahaam boruyyaa barii ganamaan ka'ee, qoraan ciincaa ittiin ciincessu caffatee, harree ifii fe'atee, ilma ifii Yisihaqii fi tajaajiltoota ifii ta dhiiraa dargaggeeyyii lamaan fudhatee, lafa Waaqi isatti hime dhaqiisaaf kara'atti baye.
GEN 22:4 Guyyaa sadeesso'oo Abrahaam ol ilaalee addee san fago'otti dhagge.
GEN 22:5 Achiin duuba Abrahaam tajaajiltoota dargaggeeyyii ifiitiin, «Isin harree woliin as tura'a; anii fi mucaan kiyya achi dhandhee, Waaqa waaqonfannee gara keessan hin deebina» jedhe.
GEN 22:6 Abrahaam qoraan ciincaan ittiin ciinceffamu fuudhee ilma ifii Yisihaqitti ba'achiisee, ifiif ibiddaa fi billowa qabate. Maarre isaan lamaanuu woliin ideemane.
GEN 22:7 Yisihaq abbaa ifii Abrahaamiin, «Abbaa!» jedhe; innille, «Ilma kiyya, maan?» jedhe. Yisihaqille, «Ibiddii fi qoraan kunoo ti; ammoo hooleen ciincaa ciincessinu meet ree?» jedhe.
GEN 22:8 Abrahaam deebisee, «Ilma kiyya, Waaqinuu hoolee ciincaa ciincessinu hin qopheessa» jedhe. Isaan lamaanuu woliin deemiisa itti fufane.
GEN 22:9 Isaan addee Waaqi isatti mudhise san yennaa geyane, Abrahaam addee ciincaa itti ciincessanu achitti ijaaree, qoraan miidhassee irra naqee, ilma ifii Yisihaq hidhee, qoraan gubbaa irkise.
GEN 22:10 Achiin duuba Abrahaam ilma ifii qaliisaaf, billowa fudhatee harka diriirfate.
GEN 22:11 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo ol-gubbaa irraa, «Abrahaam, Abrahaam!» jedhee isaa waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe.
GEN 22:12 Ergamaan Mootii Waan Maraalle, «Mucaa hin tuqin yookiin waan tokkolle isa hin godhin; ati ilma keeti tokkochuma san waan naaf hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu beekeera» jedhe.
GEN 22:13 Abrahaamille adaala ifii ilaalee, korbeessa hoole'ee ka gaafi isaa haxanxari'iin qabameeru tokko dhagge. Inni dhaqee korbeessa fuudhee, addee ilma ifii ciincaa dhikeesse.
GEN 22:14 Maarre Abrahaam addee san, «Yaahwee yir'ee» jedhee moggaase; adhalle namooti, «Mootiin Waan Maraa gaara irratti hin qopheessa» jedhan.
GEN 22:15 Ergamaan Mootii Waan Maraa ol-gubbaa irraa yennaa lammeesso'oo Abrahaam waamee,
GEN 22:16 «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati kana waan gooteef, ilma keeti tokkochuma sanille naaf waan hin mararfatiniif, ani maqaa kiyyaan kakadheera;
GEN 22:17 ani dhugumaan si hin eebbisa; sanyii teeti akka urjoota ol-gubba'aatii fi akka maansa abbaaya'aa hin baceessa. Isaan qachoota diinota ifii hin qabatan.
GEN 22:18 Ati waan naaf ajajanteef, sanyii teetiin gosi biyya adda addaa marti hin eebbifaman› jedheera» jedhe.
GEN 22:19 Achiin duuba Abrahaam gara tajaajiltoota dargaggeeyyii ifii ta dhiiraa deebi'ee, isaan woliin ka'ee gara qachaa Bersheeba'aa deebi'anee achi le'e.
GEN 22:20 Wonni kun teeteen duuba, Abrahaam obboleessa isaa Naahoriif, Miilkaan ijoollee akka deette dhage'e; isaanille
GEN 22:21 angafichi Uz, obboleessi isaa Buus, Qamu'elii abbaa Aaramii,
GEN 22:22 Kesed, Hazoo, Fiildaashi, Yiidlaafii fi Butu'el.
GEN 22:23 Butu'el Ribqaa uumate; isaan kana saddeeti, Miilkaan Naahorii obboleessa Abrahaamiitiif deette.
GEN 22:24 Gursumeettiin ta «Ri'umaan» jedhantulle Xebaa, Gaaham, Tahashii fi Ma'akaa Naahoriif deette.
GEN 23:1 Saaraan woggaa dhibba tokkoo fi diddamii torba leete.
GEN 23:2 Isiin kiriiyat-Arbaa ta «Hebroon» jedhantu, lafa Kana'aanii keessatti duute; Abrahaam isi'iif guddoo gaddee bowe.
GEN 23:3 Abrahaam reeffa biraa ka'ee, worra Heetotaatiin,
GEN 23:4 «Ani orma alagaa odduu teessan le'iisatti jiru; reeffa niitii tiyyaa akka itti awwaaladhu, addee awwaalaa naaf gurgura'a» jedhe.
GEN 23:5 Isaan deebisanee, Abrahaamiin,
GEN 23:6 «Gootta'a, me nu dhage'i; ati nu oddu'utti sooressa gudda'a. Reeffa niitii teetii addee awwaalaa ta nuuti qannu keessaa ta caaltutti awwaaladhu. Nu keessaa nami tokkooyyuu lafa reeffa niitii teetii itti awwaalatu, ka si dhooggu hin jiru» jedhane.
GEN 23:7 Achiin duuba Abrahaam lafaa ka'ee, kolbaa biyya sanii, worra Heetotaatiif gad jedhee,
GEN 23:8 isaaniin, «Ani reeffa niitii tiyyaa akka awwaaladhuuf fedhii teessan eega teete, Efron ilma Zohaarii
GEN 23:9 lafa isaa irraa goda Makfela'aa ta irga fichaa isaa akka naa gurguru gaafadha'a. Inni gatii guutu'uun lafa awwaalaa, addee isin jirtanutti naa gurguruu ti» jedhe.
GEN 23:10 Efroninuu addee wolgeyi'ii karra qacha'aa bira worra Heetotaa dhibii woliin tee'eeraayyu. Efroniin nama biyya Heetii kunille, Heetoti, worri achi jiranu marti adoo dhage'anuu, Abrahaamiin,
GEN 23:11 «Waawwo'o, goottaa kiyya, na dhage'i. Ani ficha'aa fi goda fichaa keessaalle kolbaan tiyya duratti si'iif kenna. Reeffa niitii teetii itti awwaaladhu» jedhe.
GEN 23:12 Abrahaam ammoo kolbaa lafa sanii duratti gad jedhee,
GEN 23:13 isaan marti adoo dhage'anuu, Efroniin, «Yoo fedhii teeti teetee, na dhageette, ani gatii ficha'aa hin kenna, anarraa fudhadhu; anille reeffa niitii tiyyaa achitti awwaaladha» jedhe.
GEN 23:14 Efron deebisee, Abrahaamiin,
GEN 23:15 «Goottaa kiyya, na dhage'i; cittuun lafaa ta meetii dhibba afurii baattu si'ii fi ana oddu'utti maan isiin? Reeffa niitii teetii itti awwaaladhu» jedhe.
GEN 23:16 Abrahaamille dubbii Efronii fudhatee, haguma Efron adoo worri Heetota dhage'uu dubbate san, meetii dhibba afurii akkuma madaallii daldaltootaatitti madaalee kenneef.
GEN 23:17 Akka kanaan latti Efronii ta Makfelaa keessaa, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtu, fichaan sun goda isa keessa jirtuu fi mukoota irra jiranu mara woliin dabarfamee
GEN 23:18 addee worri Heetotaa duudiin karra qachaa sanii keessatti wolitti qabamane duratti qabeenna Abrahaamiif te'e.
GEN 23:19 Achiin duuba, Abrahaam reeffa niitii ifii Saara'aa goda fichaa Makfelaa keessaa, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtu, lafa Kana'aanii Hebroon keessatti awwaale.
GEN 23:20 Maarre ficha'aa fi godi fichaa keessa jirtu, ta worra Heetotaa, lafa awwaalaa, qabeenna Abrahaamii teete.
GEN 24:1 Yennaa san Abrahaam guddoo dulloomeeraayyu; Mootiin Waan Maraalle waan maraan isa eebbiseera.
GEN 24:2 Abrahaam namoota mana isaa keessaa tajaajilaa ifii ka irra caalaa jaarsichaa, ka waan inni qabu mara irratti baalli qabuun, «Kakatiisaaf harka keetiin gudeeda kiyya qabadhu.
GEN 24:3 Ati dubartoota worra Kana'aanii worra ani odduu isaanii le'u kana keessaa, ilma kiyya akka hin fuusinneef, Mootii Waan Maraa Waaqa ol-gubba'aa fi lafaatiin si kakachiisa!
GEN 24:4 Ammoo gara biyya tiyyaatii fi gosa tiyyaa deemiitii ilma kiyya Yisihaqiif niitii barbaadii fidi» jedhe.
GEN 24:5 Ammoo tajaajilaan sun, Abrahaamiin, «Intalti na faana biyya tana dhufuu hin barbaaddu fa'a te'a; yoos ilma keeti lafa ati keessaa dhuttetti deebisuu?» jedhee gaafate.
GEN 24:6 Abrahaam deebisee, «Waawwo'o, ilma kiyya akka achi hin geessine ifi eeggadhu!
GEN 24:7 Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa, ka mana abbaa kiyyaatii fi lafa itti dhaladhe keessaa na baasee, ‹Lafa tana sanyii teetiif hin kenna› jedhee natti dubbatee naaf kakate, inni ergamaa ifii si'iin dura hin erga; atille niitii ilma kiyyaaf achii barbaaddee hin fidda.
GEN 24:8 Intalti si faana dhufiisa yoo hin fedhin ammoo, ilma kiyya achi hin geessin malee, ati kakuu tana irraa bilisa» jedhe.
GEN 24:9 Maarre tajaajilaan sun harka ifiitiin gudeeda Abrahaamii goottaa ifii qabatee, waan Abrahaam isa gaafate san godhiisaaf kakate.
GEN 24:10 Achiin duuba tajaajilaan sun gaalota goottaa ifii keessaa kudhan fuudhee, kennansa dadansaa goottaa ifii itti fe'ee, gara qachaa Naahor keessa le'uu, Aaram biyya bisaan lama oddu'uu dhaqe.
GEN 24:11 Inni yennaa achi geye, qacha'aan alatti gaalota boolla bisaanii takka biratti jijilbiissise; yennaan sunille gara galgalaa yennaa dubartooti bisaan woraabbatiisaaf baatu.
GEN 24:12 Inni daadimatee, «Mootii Waan Maraa, Waaqa goottaa kiyya Abrahaamii, adha yaada kiyya naa guutii, goottaa kiyya Abrahaamiifille jaalala keeti ka bara baraa mudhisi.
GEN 24:13 Kunoo, ani boolla bisaanii tana bira dhaabbatiisatti jira; durri kolbaa qachaa kanaalle bisaan woraabbatiisaaf as dhufiisatti jiran.
GEN 24:14 Isaan keessaa takkatti'iin, ‹Maganne'ee, bisaan unaa, okkotee teeti gad naaf qabi› hin jedhaan; isiille, ‹Uni, ani gaalota keetille hin obaasa› yoo anaan jette, isiin tun ta ati garbicha keeti Yisihaqiif filatte teetuu ti. Tanaan ani akka ati jaalala keeti ka bara baraa goottaa kiyya Abrahaamiif mudhitte hin beeka» jedhe.
GEN 24:15 Inni adoo daadimatee hin fixinuu, Ribqaan okkotee ba'attee dhutte; isiin intala Batu'elii ti; Batu'el ilma Naahorii obboleessa Abrahaamii ti; haati isaa Miilka'a.
GEN 24:16 Isiin durra banti'ii, guddoo shaggitti'i; nami tokkolle isii bira geyee hin jiru. Isiin gara boolla bisaanii gad buutee, okkotee ifii guutattee ol deebite.
GEN 24:17 Achiin duuba tajaajilaan sun ariiti'iin gara isi'ii dhaqee, «Maganne'ee, okkotee teeti keessaa bisaan diqqaa isaa na obaas» jedhe.
GEN 24:18 Isiin, «Goottaa kiyya, uni» jettee, ariifattee okkotee ifii harkatti gad buufattee, isa obaatte.
GEN 24:19 Inni dheebuu bayeen duuba, isiin, «Gaalota keetiifille haga isaan dheebuu bayanutti hin woraabaaf» jetteen.
GEN 24:20 Maarre isiin ariifattee bisaan okkotee keessaa goonga'atti naxxee, haga gaaloti isaa dheebuu bayanutti, ammalle woraabiisaaf gara boollaa rukkitte.
GEN 24:21 Namichille, waan inni dhaqeef, akka Mootiin Waan Maraa isaaf milkeesse mirkaneeffatiisaaf, cadhisee isii ilaale.
GEN 24:22 Gaaloti isaa yennaa dheebuu bayane, qubee worqi'ii gara giraama shanii teetu, ta funnaanitti keyatanu, irmuura worqi'ii lama ka gara giraama dhibba tokkoo fi kudhan te'u akka harkatti keyattuuf fuudhee,
GEN 24:23 «Ati intala eennuu ti? Maganne'ee natti himi; anii fi worri na woliin jiru akka bulluuf mana abbaa keetii keessa addeen bulti'ii jirtii?» jedhe.
GEN 24:24 Isiin deebittee, «Ani intala Batu'elii ti; inni ilma Miilkaan Naahoriif deette» jette.
GEN 24:25 Isiin itti dabaltee, «Nuuti hicaace'ee fi buuyyoo okeyaa bacaa, addee bulti'iille hin qanna» jette.
GEN 24:26 Achiin duuba namichi gad jedhee Mootii Waan Maraatiif sagadee,
GEN 24:27 «Mootiin Waan Maraa addatamumma'aa fi jaalala ifii ka bara baraa goottaa kiyya Abrahaamiif eege, Waaqi goottaa kiyya Abrahaamii leellifamuu ti. Ideensa kiyya irratti na sooressee gara mana worra goottaa kiyya Abrahaamii ka na fide isa» jedhe.
GEN 24:28 Achiin duuba intalti rukkittee, waan te'e mara namoota mana haadha isi'iititti hinte.
GEN 24:29 Ribqaan obboleessa, «Laabaan» jedhamu tokko qaddiiyyu; inni gara namicha addee boolla bisaanii jiruu rukke'een bayee,
GEN 24:30 qubee funnaaniitii fi irmuura harka obboleettii ifii irratti dhaggee, waan namichi isi'iin jedhelle hintuun dhage'ee, gara namichaa dhaqee boolla bisaanii cinaa gaalota bira dhaabbatuun isa dhagge.
GEN 24:31 Laabaan, namichaan, «Ati nama Mootiin Waan Maraa eebbise, koy gara manaa dhandhaa, maaf ala as dhaabbatta? Si'iif mana qopheesseera; gaalota keetille'eef addee qopheesseera» jedhe.
GEN 24:32 Maarre namichi gara manaa dhaqe; Laabaalle fe'iisa gaalota irraa hiikee, hicaace'ee fi buuyyoo okeyaa kenneef. Achiin duuba namichaa fi worra isa woliin jiranuuf bisaan miilaa kenne.
GEN 24:33 Yennaa sagaleen dhikaate, namichi ammoo, «Waan dhufeef haga himutti hin nyaadhu» jedhe. Laabaan, «Nutti himi ree» jedheen.
GEN 24:34 Maarre inni, «Ani tajaajilaa Abrahaamii ti.
GEN 24:35 Mootiin Waan Maraa waan maraan goottaa kiyya guddoo eebbisee duroonseera. Inni hoole'ee fi re'ee, loon, meeti'ii fi worqii, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii, gaalotaa fi harreelee isaaf kenneera.
GEN 24:36 Saaraan niitiin goottaa kiyyaalle dullummaa keessa ilma isaaf deetteerti; goottaan kiyyalle waan qabu mara ilma saniif kenneera.
GEN 24:37 Goottaan kiyya na kakachiisee, ‹Lafa Kana'aanii, ta ani keessa le'u keessaa ilma kiyya niitii hin fuusisin;
GEN 24:38 ammoo gara kolbaa abbaa kiyyaa, gara fira kiyyaa dhaqiitii, niitii ilma kiyyaaf fidi› jedhe.
GEN 24:39 Anille goottaa kiyyaan, ‹Yoo intalti na faana dhufuu dhadde maan godha?› jedhee gaafadhe.
GEN 24:40 Inni deebisee, ‹Mootiin Waan Maraa ka ani yennaa mara tajaajile, ergamaa ifii si woliin ergee ideensa keeti hin milkeessa, atille kolbaa abbaa kiyyaatii fi fira kiyya keessaa ilma kiyyaaf niitii hin fidda.
GEN 24:41 Ati yennaa gara fira kiyyaa dhaxxee, yoo isaan intala sitti kennuu didanelle, ati kakuu tiyya irraa bilisa hin teeta› anaan jedhe.
GEN 24:42 «Ani adha gara boolla bisaanii yennaa dhufe, ‹Mootii Waan Maraa, Waaqa Abrahaamii goottaa kiyyaa, yoo fedha keeti teete, waan ani dhufeef kana naa milkeessi.
GEN 24:43 Ani boolla bisaanii bira as dhaabbatiisatti jira; intala bisaan woraabbatiisaaf dhuttu takkaan, «Maganne'ee okkotee teeti keessaa bisaan diqqaa isaa na obaas» jedhee hin gaafadha;
GEN 24:44 isiille anaan, «Uni, gaalota keetille'eef hin woraaba» yoo jette, isiin ta Mootiin Waan Maraa ilma goottaa kiyyaatiif file teetuu ti› jedhe.
GEN 24:45 Ani gadhaa kiyya keessatti daadimadhee adoo hin fixinuu, Ribqaan okkotee ifii ba'atte dhutte; isiin gara boolla bisaanii gad dhaxxee bisaan woraabbatte. Anille isi'iin, ‹Maganne'ee bisaan na obaas› jedheen.
GEN 24:46 Isiin ariifattee okkotee ifi irraa gad buufattee, ‹Uni, gaalota keetille hin obaasa› jette. Maarre ani unee, isiin gaalotalle obaatte.
GEN 24:47 Ani, ‹Ati intala eennuu ti?› jedhee gaafannaan, isiin, ‹Ani intala Batu'elii ilma Naahorii ti; haati isaa Miilka'a› jette. Achiin duuba ani qubee funnaan isi'iititti, irmuura harkatti keyee,
GEN 24:48 gad jedhee Mootii Waan Maraatiif sagade. Mootii Waan Maraa, Waaqa Abrahaamii goottaa kiyyaa, ka intala obboleessa goottaa kiyyaa fuudhee ilma isaatiif akka ani geessuuf na sooresse leellise.
GEN 24:49 Amma, gadhi-laafumma'aa fi addatamummaa goottaa kiyyatti yoo mudhittanu teete, natti hima'a; yoo hin mudhinne teetelle natti hima'a; anille waan godhu hin murteeffadha» jedhe.
GEN 24:50 Achiin duuba Laabaanii fi Batu'el, «Wonni kun Mootii Waan Maraa irraa waan dhutteef, nuuti waan tokkolle jedhiisa hin dandeennu.
GEN 24:51 Kunoo, Ribqaan fuula keeti dura jirti; fudhadhuu deemi. Akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, isiin niitii ilma goottaa keetii teetuu ti» jedhane.
GEN 24:52 Tajaajilaan Abrahaamii sun yennaa waan isaan jedhane kana dhage'e, gad jedhee Mootii Waan Maraatiif sagade.
GEN 24:53 Achiin duuba tajaajilaan Abrahaamii faaya meeti'iitii fi worqi'iitii, woyootalle fidee Ribqa'aaf kenne; inni kennansa gatii guddo'oo obboleessa isi'iitii fi haadha isi'iitiif kenne.
GEN 24:54 Achiin duuba innii fi namooti isa woliin jiranu nyaatanee unanee, achuma bulane. Isaan yennaa boruyyaa ganama ka'ane, tajaajilaan Abrahaamii, «Gara goottaa kiyyaa akka deebi'u, na geegessa'a» jedhe.
GEN 24:55 Obboleessi isi'iitii fi haati isi'ii ammoo, «Intalti guyyuma kudhan nu woliin turtuu ti; achiin duuba deemuu dandeetti» jedhane.
GEN 24:56 Inni ammoo isaaniin, «Eega Mootiin Waan Maraa deemmaa tiyya naa milkeesse, na hin tursina'a; gara goottaa kiyyaa akka dhaquuf na geegessa'a» jedheen.
GEN 24:57 Isaan deebisanee, «Me, intala waannee waan isiin jettu gaafanna» jedhane.
GEN 24:58 Maarre isaan Ribqaa waamanee, «Namicha kana woliin hin deentaa?» jedhanee gaafatane. Isiin, «Ee, hin deema» jette.
GEN 24:59 Maarre isaan Ribqaa obboleettii isaanii, guddittuu isi'ii woliin, tajaajilaa Abrahaamiille namoota isaa woliin geegessane.
GEN 24:60 Isaan, Ribqaa eebbisanee, «Obboleettii teenna, haadha kuma heddu'uu te'i; sanyiin teeti qachaa diinota ifii qabatanuu ti» jedhane.
GEN 24:61 Achiin duuba Ribqa'aa fi durri tajaajiltooti isi'ii gaala ifii irra tee'anee, tajaajilaa Abrahaamii woliin deemiisaaf ka'ane. Maarre inni Ribqaa fuudhee deeme.
GEN 24:62 Yisihaq yennaa san gara boolla bisaanii ta, «Be'er-Lahaayi-Ro'i» jedhantuu dhufee, lafa goomolee «Negeb» jedhantu keessa le'iisatti jiraayyu.
GEN 24:63 Inni gaafa tokko galgala alatti bayee, yaadaan qabamee adoo deemuu, gaalota dhufiisatti jiranu dhagge.
GEN 24:64 Ribqaalle yennaa Yisihaq dhaggite, gaala ifii irraa gad buutee,
GEN 24:65 «Namichi diida keessa as nutti dhufiisatti jiru sun eennu?» jettee tajaajilaa Abrahaamii gaafatte. Tajaajilaan deebisee, «Inni ilma goottaa kiyyaa ti» jedhe. Maarre isiin shaashii ifii fudhattee fuula ifii buqatte.
GEN 24:66 Tajaajilaalle waan godhe mara Yisihaqitti hime.
GEN 24:67 Achiin duuba Yisihaq isii fidee gara dunkaana Saaraa haadha ifii seensifate. Inni Ribqaa fuudhee, isiille niitii isaa teete; inni isii jaalatee, gadda haadha ifii irralle'ee jajjabaate.
GEN 25:1 Abrahaam niitii dhibii ta, «Qexuuraa» jedhantu fuudhe.
GEN 25:2 Isiin Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishibaakii fi Shuwaa isaaf deette.
GEN 25:3 Yokshaan Sheeba'aa fi Dedaan uumate; sanyii Dedaanii Ashuriim, Letushiimii fi Le'umiim.
GEN 25:4 Ilmaan Miidiyaanii Efaa, Efer, Henok, Abiidaa fi Elda'a. Isaan kun martinuu ilmaan Qexuura'aa ti.
GEN 25:5 Abrahaam waan qabu mara Yisihaqiif kenne.
GEN 25:6 Ammoo adoo jiruu, ilmaan dubartooti dhibiin isaa deetteef kennansa kenneefii, gara lafa baya adu'uu Yisihaq irraa akka isaan fagaatanu godhe.
GEN 25:7 Barri Abrahaam le'e woggaa dhibbaa fi torbaatamii shan.
GEN 25:8 Abrahaam guddoo dulloomee, baralle quufee, gara worra isaa ka addee dhuga'aa jiruu gale.
GEN 25:9 Ilmaan isaa Yisihaqii fi Ishimaa'el goda Makfela'aa fichaa Efronii ilma Zohaarii Heetichaa, ka Mamree irraa gara aduun baatuu san keessatti isa awwaalane.
GEN 25:10 Abrahaam fichaa san worra Heetotaa irraa bitate; inni niitii ifii Saaraa biratti achitti awwaalame.
GEN 25:11 Abrahaam du'een duuba Waaqi ilma isaa Yisihaq eebbise. Yisihaqille «Be'er-Lahaayi-Ro'i» addee jedhantu baleessa bisaanii bira le'e.
GEN 25:12 Hiddi dhaloota sanyii Ishimaa'elii, ta Aggaariin nama biyya Gibxi'ii, tajaajiltuun Saara'aa, Abrahaamiif deette,
GEN 25:13 ilmaan Ishimaa'el uumate, akka gogeessa dhaloota isaaniititti asii gaditti galmowaneeran. Isaanille ilma Ishimaa'elii angaficha Nabaayoot, Qedaar, Adbi'el, Miibsaam,
GEN 25:14 Miishimaa, Dumaa, Maasaa,
GEN 25:15 Hadaad, Temaa, Yetuur, Nafiishii fi Qedimaas.
GEN 25:16 Ilmaan Ishimaa'elii tun, abbootii gosa kudhanii lamaa ti; maqaan isaanii ollootaa fi addee quttuma isaaniitiin waamama.
GEN 25:17 Ishimaa'el woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'ee du'e.
GEN 25:18 Sanyiin Ishimaa'elii biyya Gibxii irraa gara aduun baatu, karaa Asoor geessu, Awiila'aa fi Shuur odduu le'ane; isaan sanyii Abrahaamii dhibii woliin diinumma'aan wol irraa fagaatanee le'aniiyyu.
GEN 25:19 Hiddi dhaloota sanyii Yisihaqii ilma Abrahaamii kana: Abrahaam Yisihaq uumate.
GEN 25:20 Yisihaqille nama woggaa afurtamaa yennaa te'e, Ribqaa fuudhe; isiin intala Batu'elii, obboleettii Laabaanii worra Sooriya'aa ka Aaram biyya bisaan lama oddu'uu keessa le'uu ti.
GEN 25:21 Ribqaan maseena waan teeteef, Yisihaq marroo isi'iitiif Mootii Waan Maraa daadimate. Mootiin Waan Maraalle daadimata isaa dhage'ee, niitiin isaa Ribqaan ulfootte.
GEN 25:22 Isiin lakkuu waan ulfootteef, Annoolleen gadhaa isi'ii keessatti wol dhiibane; isiille, «Wonni akkasii maaf na irratti teete?» jettee, Mootii Waan Maraa gaafatte.
GEN 25:23 Mootiin Waan Maraa si'iin, «Gosa biyya adda addaa lamatti gadaamessa keeti keessa jira; isaan woliif diina hin te'an. Gosi takkaan taan caalaa hin jabaatti; angafi maandhicha hin tajaajila» jedhe.
GEN 25:24 Yennaan isiin deettu geennaan, Rebqaan lakkuu deette.
GEN 25:25 Ka dura dhalate diimaa, nafi isaa duudiin woyaa dabbasittii waan fakkaattuuf, maqaa isaa, «Esaawuu» jedhane.
GEN 25:26 Annuun lammeesso'oo yennaa dhalate, jimuu Esaawuu waan qabateeruuf, maqaa isaa, «Yaaqoob» jedhane. Yennaa isaan dhalatane san Yisihaq nama woggaa jaatamaa ti.
GEN 25:27 Ijoolleen yennaa guddatte, Esaawu nama adamoo beeku, ka ala oolu te'e; Yaaqoob ammoo nama cadhisaa qe'ee oolu te'e.
GEN 25:28 Yisihaq, bineensa Esaawu adamsee ijjeesu waan nyaatuuf isa jaalate; Ribqaan ammoo Yaaqoob jaalatte.
GEN 25:29 Gaafa tokko Yaaqoob unata bilcheeffatuun, Esaawu guddoo beelowee adamoo irraa dhufee, ol seenee,
GEN 25:30 Yaaqoobiin, «Ani waan gaggabeeruuf, unata diimaa kana irraa naa kenni» jedhe. Tanaaf inni, «Edoom» jedhame.
GEN 25:31 Yaaqoob deebisee, «Ati dursii angafummaa teeti natti gurgur» jedheen.
GEN 25:32 Esaawulle, «Kunoo, ani amma beelaan du'aara; angafummaan tun maan naa gooti» jedheen.
GEN 25:33 Yaaqoob ammoo, «Dursii naa kakadhu» jedhe. Maarre inni isaaf kakatee angafummaa ifii Yaaqoobitti gurgurate.
GEN 25:34 Achiin duuba Yaaqoob daabbo'oo fi ittoo san kenneefii, inni nyaatee unee, ka'ee deeme. Akka kanaan Esaawu angafummaa ifii tuffate.
GEN 26:1 Beela bara Abrahaamii biyyatti buute malee, beelti dhibiin biyyatti buute. Yisihaqille gara Abiimelekii mootii Filisxeemotaa, qachaa Geraarii dhaqe.
GEN 26:2 Mootiin Waan Maraa Yisihaqitti mudhatee, «Lafa ani akka ati keessa leetu sitti himu keessa le'i malee, gara biyya Gibxi'ii gad hin bu'in.
GEN 26:3 Lafuma tana keessa turi! Anille si woliin hin jiraadha; si'ille hin eebbisa. Ani lafa tana mara si'ii fi sanyii teetii kennee, kakuu abbaa keeti Abrahaamiif kakadhe hin muummessa.
GEN 26:4 Ani sanyii teeti akka urjoota gubba'aa baceessee, lafa tana maralle isaanii hin kenna; gosi adda addaa ta lafa irraa martinuu karaa sanyii teetiitiin hin eebbifanti.
GEN 26:5 Sababa Abrahaam naaf ajajamee, ajaja kiyya, seerata kiyyaa fi seera kiyya eegateef, ani si hin eebbisa» jedhe.
GEN 26:6 Maarre Yisihaq Geraar keessa le'e.
GEN 26:7 Namooti addee sanii marroo niitii isaa yennaa isa gaafatane, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; isiin dansittii waan teeteef, namooti addee sanii Ribqa'aaf jedhanee na ijjeesan jedhee, «Isiin niitii tiyya» jedhuu sodaate.
GEN 26:8 Yisihaq yennaa hedduu achi tureen duuba, gaafa tokko mootiin Filisxeemotaa Abiimelek foddaa manaatiin gad ilaalee, Yisihaq niitii ifii Ribqa'atti riiqatuun dhagge.
GEN 26:9 Tanaaf Abiimelek isa waansisee, «Dhugumaan isiin niitii teeti! Ati maaf, ‹Isiin obboleettii tiyya› jette ree?» jedhee isa gaafate. Inni deebisee, «Sababa isi'iitiif na ijjeesan jedhee yaadee ti» jedhe.
GEN 26:10 Abiimelekille, «Wonni ati nu irratti hujje kun maan? Namoota keessaa tokko niitii teeti woliin silaa diqquma hin rafin hafe; nu'ulle yakkaameyyii gootee dhadde» jedhe
GEN 26:11 Achiin duuba Abiimelek, ajaja baasee, «Eennulle namicha kana yookiin niitii isaalle yoo tuqe ijjeefamuu ti» jedhee namoota mara ifi eeggachiise.
GEN 26:12 Yisihaq lafa sanitti midhaan facaasee, wogguma san dachaa dhibba galfate; Mootiin Waan Maraa waan isa eebbiseef,
GEN 26:13 inni dureessa te'ee, haga guddoo tujaara te'utti tujaarummaan isaa ittuma guddataa ideente.
GEN 26:14 Inni loon, hoolota, re'ootaa fi tajaajiltoota hedduu waan qabuuf, worri Filisxeemotaa isa hinaafe.
GEN 26:15 Tanaaf isaan boolla bisaanii ta adoo abbaan Yisihaqii Abrahaam jiruu, tajaajiltooti Abrahaamii qotane mara biyyee itti guutanee duuchane.
GEN 26:16 Achiin duuba Abiimelek, Yisihaqiin, «Ati nu caalaa guddoo hunnaamessa teeteerta, nu irraa deem» jedheen.
GEN 26:17 Maarre Yisihaq achii deemee, dhooqa Geraarii keessa qubatee, achi le'e.
GEN 26:18 Yisihaq boolla bisaanii ta tajaajiltooti Abrahaamii abbaa isaa qotaneeranu, ta worri Filisxeemotaa Abrahaam du'een duuba duuchane, deebisee qochisiisee, maquma abbaan isaa dur baase innille itti baase.
GEN 26:19 Tajaajiltooti Yisihaqii dhooqa san keessa qotanee madda bisaanii dhaggatane.
GEN 26:20 Tissitooti worra Geraarii, «Bisaan kun keenna» jedhanee, tissitoota Yisihaqii woliin wol falmane. Waan isaan bisaan wol falmaneef, Yisihaq maqaa boolla bisaanii san, «Eseeq» jedhee baase.
GEN 26:21 Achiin duuba tissitooti Yisihaqii boolla bisaanii dhibii qotanee, isii irralle'etti falmii kaasane; maarre Yisihaq boolla bisaanii san, «Sixinaa» jedhee, maqaa baase.
GEN 26:22 Inni achi irra dabaree boolla bisaanii dhibii qochisiise; isii irratti isaan wol falmii hin kaanne. Maarre inni boolla bisaanii san, «Amma Mootiin Waan Maraa addee badhoo nuu kenneera; nuutille lafa tana keessatti hin horra» jedhee, maqaa boolla bisaanii san, «Rehobot» jedhee baase.
GEN 26:23 Yisihaq achii ka'ee, gara qachaa Bersheeba'aatitti ol baye.
GEN 26:24 Mootiin Waan Maraa gaafuma san halkan, isatti mudhatee, «Ani Waaqa abbaa keeti Abrahaamii ti; ani si woliin waan jiruuf, hin sodaatin. Tajaajilaa kiyya Abrahaamiif jedhee si hin eebbisa; sanyii teetille hin baceessa» jedhe.
GEN 26:25 Maarre Yisihaq achitti addee ciinca'aa ijaaree, maqaa Mootii Waan Maraa waammate; inni achitti qubatee, tajaajiltooti isaalle boolla bisaanii achitti qotane.
GEN 26:26 Achiin duuba Abiimelek, gorsaa ifii Ahuzaatii fi ajajaa loltoota ifii Fikool woliin qachaa Geraariitii bayee gara Yisihaqii dhufe.
GEN 26:27 Yisihaq isaaniin, «Ana jibbitanee eega na ariitane, isin maaf gara kiyya dhuttane ree?» jedhe.
GEN 26:28 Isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa akka si woliin jiru qulleeffannee dhaggineerra; tanaaf kaku'uun wolii galtee godhatuu barbaanna. Gondooroon si woliin nuuti godhuu barbaannu
GEN 26:29 akkuma nuuti adoo si hin tuqin, waan dansaa sii goonee, nageyaan si lakkinne, akka atille nu hin miine. Amma Mootiin Waan Maraa si eebbiseera» jedhane.
GEN 26:30 Achiin duuba Yisihaq sagalee isaaniif qopheessee, isaanille nyaatanee unane.
GEN 26:31 Boruyyaa bari'iin ganama ka'anee, woliif kakatane; Yisihaqille isaan geegessee, nageyaan isa biraa deemane.
GEN 26:32 Guyyuma san tajaajiltooti Yisihaqii dhufanee, marroo boolla bisaanii ta qotane sanii isatti himanee, «Bisaan dhaggineerra» jedhane.
GEN 26:33 Inni boolla bisaanii san, «Sheebaa» jedhee maqaa baase. Maqaan qachaa sanii tanaaf haga adhaa, «Bersheebaa» jedhamee waamama.
GEN 26:34 Esaawu yennaa woggaa afurtama geye, Yoditii intala Berii nama gosa Heetiitii fi Basmaatii intala Eloonii nama gosa Heetii fuudhe.
GEN 26:35 Dubartooti tun Yisihaqii fi Ribqa'atti gadda guddaa fidane.
GEN 27:1 Yisihaq dulloomee yennaa ilti isaa baararroottetti, ilma isaa angaficha Esaawu waamee, «Ilma kiyya» jedheen. Innille deebisee, «Kunoo, ani as jira» jedhe.
GEN 27:2 Yisihaq, «Kunoo, ani dulloomeera; guyyaa du'a tiyyaalle hin beeku.
GEN 27:3 Tanaaf, meya adamo'oo keeti, korojoo teeti, guube'ee fi daaya keeti fudhadhuu bayii bineensa naaf adansi.
GEN 27:4 Dhandhama ani jaaladhu qopheessiitii naa fidi; ani nyaadhee, adoo hin du'iniin dura akka si eebbisu naaf dhikeessi» jedheen.
GEN 27:5 Yennaa Yisihaq ilma ifii Esaawutti dubbate san Ribqaan dhage'iisatti jirtiiyyu. Maarre yennaa Esaawu bineensa adansiisaaf baye,
GEN 27:6 Ribqaan ilma ifii Yaaqoobiin, «Abbaan keeti obboleessa keeti Esaawu'utti dubbatuun ani dhage'eera;
GEN 27:7 inni, ‹Bineensa adansiitii, dhandhama ani jaaladhu qopheessiitii naa dhikeessi; ani nyaadhee, adoo hin du'iniin dura Mootii Waan Maraa duratti si hin eebbisa› jedhe.
GEN 27:8 Amma, ilma kiyya, naaf ajajamii waan ani sitti himu godhi.
GEN 27:9 Dhandhama abbaan keeti jaalattu akka qopheessuuf, gara re'ee teennaa dhaqiitii buruusoo lama fidi.
GEN 27:10 Achiin duuba inni adoo hin du'iniin dura akka si eebbisu, abbaa keetiif fuutee dhikeessita» jette.
GEN 27:11 Yaaqoob haadha ifii Ribqa'aan, «Kunoo, obboleessi kiyya Esaawu nafi isaa dabbasicha; nafi kiyya ammoo mucucaataa dabbasaa hin qanne.
GEN 27:12 Dedha fa'a abbaan kiyya yoo na qaqqabee ilaale, ani waan isatti murge fakkaadhee, eebba adoo hin te'in abaarsa ifitti fida» jedhe.
GEN 27:13 Ribqaan deebittee, «Ilma kiyya, abaarsa keeti ani hin fudhadha; akka ani jedhe godhiitii, deemii buruusota naa fidi» jette.
GEN 27:14 Maarre inni dhaqee buruusota gara haadha ifii fide; haati isaalle akkuma abbaan isaa jaalatutti dhandhama qopheessite.
GEN 27:15 Achiin duuba isiin woyaa Esaawuu ilma isi'ii angafichaa adduu ta mana jirtu fuutee, ilma maandhicha Yaaqoobitti uffitte.
GEN 27:16 Isiin gogaa buruusoo re'e'eelle harka isaatii fi morma isaa mucucaata'atti uffitte.
GEN 27:17 Isiin dhandhamaa fi daabboo qopheessitelle ilma ifii maandhicha Yaaqoobitti kennite.
GEN 27:18 Yaaqoob gara abbaa ifii dhaqee, «Abbaa» jedheen. Innille deebisee, «Kunoo, ani as jira, ati ilma kam?» jedhe.
GEN 27:19 Yaaqoob abbaa ifiitiin, «Ani Esaawuu ilma keeti angaficha; ani akka ati jette godheera. Ol jedhii tee'iitii, akka na eebbittu, foon ani adansee fide nyaadhu» jedhe.
GEN 27:20 Yisihaq, «Ilma kiyya, attam akkas ariifattee dhaggatte?» jedhee gaafate. Innille deebisee, «Mootii Waan Maraa Waaqa keetitti na milkeesse» jedhe.
GEN 27:21 Yisihaq, «Ani si qaqqabee, dhugumaan ilma kiyya Esaawu akka teete yookiin hin te'in akka beekuuf, as dhikaadhu» jedhe.
GEN 27:22 Yaaqoob gara abbaa ifii Yisihaqii dhikaate; innille isa qaqqabee, «Qoonqoon, qoonqoo Yaaqoobii ti; harki ammoo harka Esaawuu ti» jedhe.
GEN 27:23 Harki isaa dabbasicha akka harka obboleessa isaa Esaawuu waan te'eef, abbaan isaa isa beekuu hin dandeenne. Tanaaf inni isa eebbisiisaaf jedhee,
GEN 27:24 «Ati dhugumaan ilma kiyya Esaawuu?» jedhee gaafate. Inni deebisee, «Ee, ana» jedhe.
GEN 27:25 Yisihaq, «Ilma kiyya, foon ati adansitee fidde nyaadhee, akka si eebbisuuf, as naa fidi» jedhe. Yaaqoobille isatti fidee, innille nyaate; daadhii woyni'iille akka unuuf fidee innille une.
GEN 27:26 Achiin duuba abbaan isaa Yisihaq, «Ilma kiyya, as koyii, na sunqadhu» isaan jedhe.
GEN 27:27 Maarre inni gara isaa dhufee isa sunqate; Yisihaqille foolee woyaa isaa ulatee, isa eebbisee, «Fooleen ilma kiyyaa, akka foolee fichaa Mootiin Waan Maraa eebbisee ti.
GEN 27:28 Waaqi karfaffuu ol-gubba'aa, lafa laayyoo, midhaanii fi woynii bacaa sii kennu.
GEN 27:29 Gosi biyya adda addaa si tajaajiltuu ti; kolbaan hedduulle si'iif gad jettuu ti. Obboleeyyan teeti irratti goottaa te'i; ilmaan haadha teetii si'iif gad jettuu ti. Worri si abaare abaaramuu ti; worri si eebbise eebbifamuu ti» jedhe.
GEN 27:30 Yisihaq akkuma Yaaqoob eebbisee ka'een, Yaaqoob fuula abbaa ifii duraa gad bayeeruun, obboleessi isaa Esaawuun adamo'oo dhufee seene.
GEN 27:31 Innille dhandhama qopheessee gara abbaa ifii fidee, «Abba'a, ol jedhii tee'i; akka na eebbittuuf, foon ani adansee fide nyaadhu» jedhe.
GEN 27:32 Abbaan isaa Yisihaq, «Ati eennu?» jedhee gaafate. Inni deebisee, «Ani ilma keeti angaficha, Esaawu'u» jedheen.
GEN 27:33 Yisihaq guddoo nayee hollatee, «Ka bineensa adansee naa fide, inni eennu ree? Dhufa teetiin dura ani nyaadhee isa eebbiseera; ee, inni ka eebbifame hin te'a!» jedhe.
GEN 27:34 Esaawu yennaa tana dhage'e, qoonqoo guddo'oon iyyee laaleffatee bowee, abbaa ifiitiin, «Abba'a, analle eebbisi» jedhe.
GEN 27:35 Yisihaq ammoo, «Obboleessi keeti sobaan dhufee, eebba keeti fudhateera» jedhe.
GEN 27:36 Esaawu, «Ana sobiisi isaa kun yennaa lammeesso'oo ti. Yaaqoob jedhamuun isaa sirri'i; tanaan dura angafummaa tiyya na irraa fudhatee, ammalle eebba kiyya na irraa fudhate» jedhe. Achiin duuba, «Ati eebba tokkolle naaf hin hamburree?» jedhee abbaa ifii gaafate.
GEN 27:37 Yisihaq deebisee Esaawu'uun, «Ani si'i irratti Yaaqoob goottonseera; obboleeyyan isaa mara tajaajiltoota isaa godheera. Midhaanii fi woynii bacaa isaaf kenneera. Ilma kiyya, maan si'iif godhuu dande'a ree?» jedhe.
GEN 27:38 Esaawu abbaa ifiitiin, «Abba'a, ati eebba tokko qofa qaddaa? Abba'a, analle eebbisi» jedhee, qoonqoo ol qabatee bowe.
GEN 27:39 Abbaan isaa Yisihaq deebisee, isaan, «Ati lafa laayyoo irraa, karfaffuu irraa fagaattee leeta.
GEN 27:40 Shallaagaa keetiin leeta; obboleessa keeti tajaajilta. Yennaa didde ammoo, waanjoo isaa morma keeti irraa hin buufatta» jedhe.
GEN 27:41 Abbaan isaa waan isa eebbiseef, Esaawuun Yaaqoob jibbe. Inni gadhaa ifiititti, «Yennaan abbaan kiyya du'u dhikaatteerti; achiin duuba ani obboleessa kiyya Yaaqoob hin ijjeesa» jedhe.
GEN 27:42 Ribqaan ammoo marroo yaada Esaawu'uu yennaa dhageette, Yaaqoobitti ergitee, «Dhage'i, obboleessi keeti Esaawu si ijjeesee, haluu bayiisaaf yaadateera.
GEN 27:43 Tanaaf amma, ilma kiyya, waan ani siin jedhu godhi. Ka'iitii gara obboleessa kiyya Laabaanii ka Kaaraan keessa jiruu baqadhu.
GEN 27:44 Haga obboleessi keeti aarii caffatu yenna'aaf isa woliin turi.
GEN 27:45 Obboleessi keeti yennaa aarii caffate, waan ati isa goote hin dedha. Achiin duuba ani nama sitti ergee achii si deebisa. Ani maaf isin lamaanuu guyyaa tokkotti dhabaa?» jetteen.
GEN 27:46 Achiin duuba Ribqaan Yisihaqiin, «Sababa dubartoota Heetotaa ta Esaawu fuudhee tanaaf, ani le'ii tiyya jibbeera; Yaaqoobille dubartoota Heetotaa tama akkanaa tana, lafa tana keessaa niitii yoo fuudhe, ani du'iisa fedha» jette.
GEN 28:1 Yisihaq Yaaqoob waamee, eebbisee, isa ajajee, «Dubartoota worra Kana'aanii hin fuudhin.
GEN 28:2 Gara biyya phaadaan-Aaramii, mana Batu'elii abbaa haadha teetii dhaqiitii, durroota Laabaanii obboleessa haadha teetii keessaa takkattii achii fuudhi.
GEN 28:3 Waaqi waan mara dande'u si eebbisuu ti! Akka ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu teetu, ijoollee hedduu sii kennuu ti!
GEN 28:4 Inni akkuma Abrahaam eebbise, si'ii fi sanyii teetille eebbisuu ti! Lafa Abrahaamii kenne, ta ati amma akka alaga'aa teetee leetu, si'iif kennuu ti» jedhe.
GEN 28:5 Akka kanaan Yisihaq Yaaqoob erge; innille gara biyya phaadaan-Aaramii, gara Laabaanii ilma Batu'elii nama biyya Aaramii dhaqe. Inni obboleessa Ribqaa haadha Esaawu'uutii fi Yaaqoobii ti.
GEN 28:6 Yisihaq akka Yaaqoob eebbisee, niitii akka achii fuudhu, gara biyya phaadaan-Aaramii akka erge Esaawu hubate; Yisihaq yennaa Yaaqoob eebbise, «Dubartii worra Kana'aanii hin fuudhin» jedhee akka isa ajajelle hubate.
GEN 28:7 Yaaqoob abba'aa fi haadha ifiitiif ajajamee, gara biyya phaadaan-Aaramii akka dhaqeerulle hubate.
GEN 28:8 Maarre abbaan isaa Yisihaq dubartoota worra kana'aanii akka hin jaalanne Esaawu yennaa dhagge,
GEN 28:9 maarre inni gara Ishimaa'elii ilma Abrahaamii dhaqee, intala isaa Mahilaati, obboleettii Nabaayootii, dubartoota dur fuudheeru irratti ede'ee fuudhe.
GEN 28:10 Yaaqoob Bersheeba'aa bayee gara Kaaraanii dhaqe.
GEN 28:11 Inni addee takka geyee, aduun waan seenteef, achi bule. Dhakaa addee sanii keessaa tokko fuudhee, boraafatee rafe.
GEN 28:12 Inni achitti oojjatee, riqaa lafa irratti ijjatee qacceen isaa ol-gubbaa geettu, ergantooti Waaqaa isa irra ol bayaa, gad bu'anuun oojju'uun dhagge.
GEN 28:13 Mootiin Waan Maraa qaccee riqa'aa gubbaa dhaabbatee, «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii akaakoo keetiitii fi Yisihaqii abbaa keetii ti. Ani lafa ati irra irkatteertu tana sanyii teetiif hin kenna.
GEN 28:14 Sanyiin teeti akka maansa lafaa hin bacatti; isaan gara aduun seentuu fi baatu, gara kaabaa fi kibbaa hin babadhatan; kolbaan biyya lafaa duudiin si'ii fi sanyii teetiin hin eebbifaman.
GEN 28:15 Ani si woliin hin jiraadha; addee ati dhaxxu maratti ani si hin eega; gara lafa tanaalle si hin deebisa. Waan waadaa sii gale mara haga sii godhutti ani si hin lakkisu» jedhe.
GEN 28:16 Achiin duuba Yaaqoob hirriibaa dammaqee, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan addee tana jira! Ani ammoo hin beenne» jedhe.
GEN 28:17 Inni sodaatee, «Addeen tun attam attam sodaachitti! Isiin mana Waaqaa ti; balbala ol-gubba'aa ti» jedhe.
GEN 28:18 Yaaqoob boruyyaa barii ganama ka'ee, dhakaa boraafate san fuudhee, akka sooddu'uu dhaabee, qaccee isaa irratti zayitii ejersaa cosse.
GEN 28:19 Inni maqaa addee sanii, «Bet'el» jedhee moggaase. Dur maqaan addee sanii, «Luz» jedhamaayyu.
GEN 28:20 Yaaqoob Mootii Waan Maraatiif waadaa galee, «Yoo ati na woliin jiraatee, karaa ani deemu kana irratti na eedde, sagalee nyaadhuu fi woyaa uffadhu yoo naaf kennite,
GEN 28:21 nageyaan gara mana abbaa kiyyaa yoo deebi'e, ati Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya hin teeta.
GEN 28:22 Dhakaan ani akka sooddu'uu dhaabe kunille, mana Waaqaa hin te'a; waan naaf kennitu mara keessaa kudhan keessaa tokko si'iif hin kenna» jedhe.
GEN 29:1 Yaaqoob ittuma ideemee, gara kolbaa biyya gara aduun baatuu geye.
GEN 29:2 Inni achi diida keessatti boolla bisaanii takka dhagge. Hooloti karra sadiille boolla bisaanii san bira ciitteertiiyyu; hooloti sun boolla tana keessaa bisaan unti. Afaan boolla sanille dhakaa gudda'aan cufama.
GEN 29:3 Yennaa karri hoolotaa martinuu achitti wolitti dacha'ane, tissitooti dhakaa afaan boolla bisaanii irraa konkolaachisanee hoolota obaasan; achiin duuba dhakaa addee isaatitti deebisanee afaan boolla bisaanii irra keyan.
GEN 29:4 Yaaqoob, «Obboleeyyan tiyya, isin eessaa dhuttane?» jedhee tissitoota gaafate. Isaan deebisanee, «Nuuti Kaaraanii dhunne» jedhane.
GEN 29:5 Inni isaaniin, «Laabaanii akaakoo Naahorii beettanii?» jedhe. Isaan deebisanee, «Ee, hin beenna» jedhane.
GEN 29:6 Yaaqoobille, isaaniin, «Inni nageyaa?» jedhe. Isaan deebisanee, «Ee, nageya; kunoo, intalti isaa Raahel hoolee fiddee dhufiisatti jirti» jedhane.
GEN 29:7 Inni, «Kunoo, latti guyya'a; yennaan galchuma hori'ii hin geenne. Hoolee bisaan obaasa'aatii geessa'aa dheechisa'a» jedhe.
GEN 29:8 Isaan ammoo, «Haga karri hoole'ee martinuu wolitti qabantee dhakaa afaan boolla bisaanii irraa konkolaachifamutti, nuuti tana goonee hin dandeennu. Achiin duuba nuuti hoolee hin obaanna» jedhane.
GEN 29:9 Adoo inni isaan woliin dubbatiisatti jiruu, Raahel tissituu waan teeteef, hoolee abbaa ifii fiddee dhutte.
GEN 29:10 Yaaqoob yennaa Raahelii intala Laabaanii abuyyaa ifiitii fi hoolee isaa dhagge, itti dhikaatee dhakaa boolla bisaanii irraa konkolaachisee, hoolee isaa san bisaan obaase.
GEN 29:11 Achiin duuba inni Raahel sunqatee waan gammadeef bowe.
GEN 29:12 Inni, «Ani ilma adaadaa teeti Ribqa'aa ti» jedhee isi'itti hime. Isiille rukkittee abbaa ifiititti hinte.
GEN 29:13 Laabaan oduu marroo Yaaqoobii ilma obboleettii ifii yennaa dhage'e, isa qophatiisaaf rukkisee gad bayee, hanqafatee, gara manaa seensise. Yaaqoob waan te'eeru mara yennaa itti hime,
GEN 29:14 Laabaan, «Ee, dhugumaan, ati foon kiyyaa fi dhiiga kiyya» jedhe. Yaaqoob ji'a tokko guutuu isa bira ture.
GEN 29:15 Laabaan Yaaqoobiin, «Ati hidda kiyya waan teetiif, toluma naaf hujuu hin malle. Meeqa akka ani isi'iif kaffalu barbaadda?» jedhe.
GEN 29:16 Laabaan durra lama qabaayyu; maqaan angafitti'ii Liya'a; ka maandhitti'ii Raahel.
GEN 29:17 Liyaan intala ila kuulaa ti; Raahel ammoo dansittii dhaaba toltu.
GEN 29:18 Yaaqoob Raahel waan jaalateef, Laabaaniin, «Akka ani intala teeti maandhittii Raahel fuudhu yoo naaf eeyyante, ani woggaa torba si hin tajaajila» jedhe.
GEN 29:19 Laabaan deebisee, «Ani nama dhibi'iif isii kennu'uu mannaa, isi'iif kennuu woyya; as na bira turi» jedhe.
GEN 29:20 Maarre Yaaqoob Raahel fuudhiisaaf jedhee, woggaa torba tajaajile; inni waan isii jaalateef, woggooti kun guyyoota diqqaa isatti fakkaatane.
GEN 29:21 Achiin duuba Yaaqoob, Laabaaniin, «Yennaan tajaajila kiyyaa dhumatteerti; Raahel akka fuudhuuf naa kenni» jedhe.
GEN 29:22 Maarre Laabaan jila fuudhaa fi heerumaa jilisee, kolbaa achi jirtu mara waame.
GEN 29:23 Galgala san ammoo, addee Raahelii, intala ifii Liyaa fuudhee Yaaqoobitti geesse; Yaaqoobille isii woliin rafe.
GEN 29:24 Laabaan tajaajiltuu ifii Zilfaa, akka tajaajiltuu isi'ii teetuuf, Liya'aaf kenne.
GEN 29:25 Boruyyaa ganama Yaaqoob akka Liyaa teete beekee, gara Laabaanii dhaqee, «Wonni ati na goote kun maan? Ani Raahel fuudhiisaaf si tajaajile. Ati maaf na sodde ree?» jedhe.
GEN 29:26 Laabaan deebisee, «Biyya teenna keessatti intala angafitti'iin dura intala maandhittii hin heerumsiisanu.
GEN 29:27 Torbaan waajibumma'aa Liyaa woliin fixadhu; woggaa torba ta dhibii deebitee yoo na tajaajilte, Raahelille si'iif hin kenna» jedhe.
GEN 29:28 Yaaqoob akkuma inni jedhe godhe; yennaa inni torbaan waajibumma'aa Liyaa woliin fixate, Laabaan intala ifii Raahel isa heerumsiise.
GEN 29:29 Laabaan tajaajiltuu ifii Bilhaa, akka tajaajiltuu isi'ii teetuuf, Raaheliif kenne.
GEN 29:30 Yaaqoob Raahel wolille'een rafee, Liyaa caalaa isii jaalate. Achiin duuba inni woggaa torba ta dhibii Laabaan tajaajile.
GEN 29:31 Liyaa caalaa akka Yaaqoob Raahel jaalate Mootiin Waan Maraa yennaa dhagge, Liyaan akka ijoollee deettu godhe; Raahel ammoo maseena teete.
GEN 29:32 Liyaan ulfoottee ilma deette. Isiin, «Mootiin Waan Maraa rakkoo tiyya dhagge; amma dhugumaan dhirsi kiyya na hin jaalata» jettee, maqaa isaa Ruuben baafatte.
GEN 29:33 Isiin ammalle ulfoottee ilma dhibii deettee, «Mootiin Waan Maraa akka ani hin jaalatamin dhage'ee, ammalle ilma kana naaf kenne» jettee, maqaa isaa Shimi'oon baafatte.
GEN 29:34 Liyaan ammalle ulfoottee ilma dhibii deette. Isiin, «Ani ilmaan sad waan isaaf deyeef, amma dhirsi kiyya jaalalaan natti hin maxxana» jettee, maqaa isaa Lewwii baafatte.
GEN 29:35 Achiin duuba Liyaan ammalle ulfoottee ilma dhibii deette. Isiin, «Amma ani Mootii Waan Maraa hin leellisa» jettee, maqaa isaa Yihudaa baafatte.
GEN 30:1 Raahel akka ijoollee Yaaqoobiif deyaa hin jirre yennaa beette, obboleettii ifii hinaattee, Yaaqoobiin, «Ijoollee naaf kenni, yookiin ani hin du'a» jette.
GEN 30:2 Yaaqoob guddoo aaree, «Ani addee Waaqaa bu'ee hin dande'u. Ka ijoollee si dhooggate isa» jedhe.
GEN 30:3 Achiin duuba Raahel, «Bilhaan tajaajiltuun tiyya kunoo ti; akka isiin ijoollee naaf deettu, isii bira geyi. Akka kanaan, karaa isi'iitiin ani haadha ijoolle'ee hin te'a» jette.
GEN 30:4 Maarre isiin Balhaan dhirsa ifiitiif kennitee, innille isii bira geye.
GEN 30:5 Balhaan ulfoottee Yaaqoobiif ilma deette.
GEN 30:6 Raahel, «Waaqi naaf mure. Inni daadimata kiyya dhage'ee, ilma naaf kenne» jettee, maqaa isaa Daan baafatte.
GEN 30:7 Balhaan garbittiin Raahelii ammalle ulfoottee Yaaqoobiif ilma lammeesso'oo deette.
GEN 30:8 Achiin duuba Raahel, «Ani obboleettii tiyya woliin wodhaantoo jadduu qabadhee, injifadhe» jettee, maqaa isaa Niftaalem baafatte.
GEN 30:9 Liyaan akka deya lakkitte yennaa beette, tajaajiltuu ifii Zilfaa fuutee, akka niiti'iititti Yaaqoobiif kennite.
GEN 30:10 Achiin duuba Zilfaan Yaaqoobiif ilma deette.
GEN 30:11 Liyaan, «Milkaaye» jettee, maqaa isaa Gaad baafatte.
GEN 30:12 Tajaajiltuun Liya'aa, Zilfaan ilma dhibii deettee jennaan,
GEN 30:13 Liyaan, «Ani guddoo gammadeera! Amma dubartooti, ‹Ta gammadde› naan jedhan» jettee, maqaa isaa Asheer baafatte.
GEN 30:14 Yennaa haammaa qamadi'ii, Ruuben gaafa tokko alatti bayee, midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu dhaggee, Liyaa haadha ifiitiif fide. Raahel Liya'aan, «Maganne'ee, midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu ka ilmi keetii fide san irraa naafille kenni» jette.
GEN 30:15 Liyaan deebittee, «Ka dhirsa kiyya na irraa fudhatte si hanqattee, amma midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu, ka ilmi kiyya fidelle fudhatiisa barbaaddaa?» jette. Raahelille, «Ati midhaan muka fedhii jaalala kakkaasu ka ilmi keeti sii fide naa yoo kennite, halkan edanaa Yaaqoob woliin buluu dandeetta» jette.
GEN 30:16 Galgala san Yaaqoob ficha'aa yennaa dhufe, Liyaan gad itti baatee, «Ani midhaan muka jaalala kakkaasu ka ilmi kiyya fideen waan si bitadheef, galgala adhaa na woliin bulta» jette. Maarre inni halkan san isii woliin bule.
GEN 30:17 Waaqi daadimata Liya'aa dhage'ee, isiin ulfoottee ilma shaneesso'oo Yaaqoobiif deette.
GEN 30:18 Liyaan, «Ani tajaajiltuu tiyya dhirsa kiyyaaf kenninaan, Waaqi gatii naaf kenne» jettee, maqaa isaa Yisaakor baafatte.
GEN 30:19 Liyaan ammalle ulfoottee ilma jayeesso'oo Yaaqoobiif deettee,
GEN 30:20 «Waaqi kennansa dansaa naaf kenneera. Ani ilmaan jaa waan isaa deyeef, amma dhirsi kiyya ulfinna naaf hin kenna!» jettee, maqaa isaa Zebuloon baafatte.
GEN 30:21 Duuba irra isiin intala deettee, maqaa isi'ii «Dinaa» jette.
GEN 30:22 Achiin duuba Waaqi Raahel qaabate; inni daadimata isi'ii dhage'ee akka isiin deettu godhe.
GEN 30:23 Isiin ulfoottee ilma deettee, «Waaqi salphinna kiyya na irraa fuudhe.
GEN 30:24 Mootiin Waan Maraa ilma dhibii naaf kenne» jettee, maqaa isaa Yoseef baafatte.
GEN 30:25 Raahel Yoseef deetteen duuba, Yaaqoob, Laabaaniin, «Gara lafa itti dhaladheetii fi biyya tiyyaa akka dhaquuf gad na lakkisi.
GEN 30:26 Ani attam attam akka si'iif huje atinuu hin beetta; ani hin deema, dubartoota tiyyaa fi ijoollee tiyya ta ani si'iif tajaajilee dhaggadhe naaf kenni» jedhe.
GEN 30:27 Laabaan ammoo Yaaqoobiin, «Ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhe, maganne'ee turi; sababa keetiif akka Mootiin Waan Maraa na eebbise, mudhii addaatiin beekeera.
GEN 30:28 Mindaa ani si'iif kaffalu'uu male natti himi, ani si'iif hin kenna» jedhe.
GEN 30:29 Yaaqoob deebisee, «Attam akka si'iif tajaajile, horiin keetille ani kunuunsuun attam akka si'iif horelle atinuu hin beetta.
GEN 30:30 Yennaa hin dhufiniin dura, horii diqqaan keeti, amma guddoo bacateera. Addee ani dhaqe duudi'itti Mootiin Waan Maraa si eebbiseera. Ani maatii tiyyaaf yoom wo godha ree?» jedhe.
GEN 30:31 Laabaan, «Maan si'iif kennu ree?» jedhee gaafate. Yaaqoob, «Waan ani si'iin jedhu kana, yoo naaf goote, ani horii keeti deebi'ee hin kunuunsa, hin tissalle'e.
GEN 30:32 Ani adha horii keeti keessa deemee, hoolota keessaa titiifu'uu fi buburree, buruusoo gugurraayyee mara, re'oota keessalle'ee buruusoo titiifu'uu fi gugurraayyee mara addaan baasa. Isaan mindaa kiyyaa te'anuu ti.
GEN 30:33 Akka kanaan addatamummaa tiyya hin dhaggita. Ati mindaa kiyya qorqoriisaaf yennaa dhuttu, re'oota titiifuu yookiin buburree hin te'in, yookiin hoolota gugurraayyee hin te'in yoo qabaadhe, akka hatamane hin beetta» jedhe.
GEN 30:34 Laabaan deebisee, «Tole, akkuma ati jette teetuu ti» jedhe.
GEN 30:35 Gaafuma san Laabaan korbeeyyii re'e'ee tattalee, titiifuu, re'oota dhaltuu buburre'ee fi titiifuu yookiin xibaanxibbee adaadii nafa irraa qaddu mara, buruusoo hoole'ee gugurraayyee mara addaan baasee, ilmaan ifii akka tissanu godhe.
GEN 30:36 Achiin duuba Laabaan ideensa guyyaa sadii Yaaqoob irraa fagaate. Yaaqoob hoole'ee fi re'ee Laabaanii ka hafane tisse.
GEN 30:37 Yaaqoob ulee muka jiidhaa gosa sadii muree, dabaree dabaree quncee irraa quncisee buburreesse.
GEN 30:38 Hoole'ee fi re'een bisaan uniisaaf yennaa dhufanu, korbeeyyiin waan hoqonsiteef, inni ulee buburreesse san fuula isaanii dura gongaa isaan keessaa unanu keessa keye. Hoole'ee fi re'een bisaan uniisaaf yennaa dhufanu,
GEN 30:39 maarre isaan yennaa ulee saniin duratti hoqonsane, ilmoolee tattalee, titiifu'uu fi buburree dhalane.
GEN 30:40 Yaaqoob ilmoolee tana qofitti baasee, hoole'ee fi re'ee Laabaanii tattale'ee fi gugurraayyee fuula dura dhaabbachiise. Akka kanaan Yaaqoob hoole'ee fi re'ee ifii, hoole'ee fi re'ee Laabaaniitiin addaan fowate.
GEN 30:41 Yennaa hoole'ee fi re'een jajjabooti hoqonsanu, isaan ulee san fuula duratti akka hoqonsanu, ulee san isaan bira dhadhaaba.
GEN 30:42 Inni ammoo hoole'ee fi re'ee dadadhaboolee dura ulee san hin dhaabuuyyu. Maarre hoole'ee fi re'een dadadhabooleen ta Laabaanii yennaa teetu, jajjaboon ta Yaaqoobii teete.
GEN 30:43 Yaaqoob akka kanaan guddoo duroommate. Inni horii bacaa, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii, gaalotaa fi harreelee hedduu qabaayyu.
GEN 31:1 Ilmaan Laabaanii, «Yaaqoob waan abbaan keenna qabu mara fudhate; inni qabeenna kana mara abbaa keenna irraa dhaggate» jettuun Yaaqoob dhage'e.
GEN 31:2 Yaaqoob ammalle Laabaan akka dur isa jaalattu akka isa jaalataa hin jirre hubate.
GEN 31:3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Yaaqoobiin, «Gara lafa abbootii teetiitii fi fira keetii deebi'i. Ani si woliin hin jiraadha» jedhe.
GEN 31:4 Maarre Yaaqoob gara Raaheliitii fi Liya'aa ergee, addee lafa hoolotii fi Re'ooti isaa jirtutti waansise.
GEN 31:5 Inni isaaniin, «Abbaan keessan akka dur na jaalattu gara duraa akka na jaalataa hin jirre hubadheera. Waaqi abbaa kiyyaa ammoo na woliin jira.
GEN 31:6 Ani hunna tiyya adoo hin qusatin abbaa keessaniif akka huje, isin lamaanuu hin beettan.
GEN 31:7 Laabaan ammoo na sobee mindaa kiyya yennaa kudhan jijjiire. Te'uu malee Waaqi akka inni na miidhu hin goone.
GEN 31:8 Yennaa Laabaan, ‹Re'ooti titiifuun mindaa keeti› jedhe, hoolotii fi re'ooti marti ilmoolee titiifuu dhalane. Inni yennaa, ‹Re'ooti tattaleen mindaa keeti› jedhelle, hoolotii fi re'ooti duudiin ilmoolee tattalee dhalane.
GEN 31:9 Akka kanaan Waaqi hoole'ee fi re'ee abbaa keessan irraa fuudhee naaf kenne.
GEN 31:10 «Yennaa hoole'ee fi re'een rarragatanu, ani oojjadhee, korbeeyyiin tattaleen, buburre'ee fi titiifuun hoqonsanuun dhagge.
GEN 31:11 Achiin duuba Ergamaan Waaqaa oojju'uun, ‹Yaaqoob!› jedhee na waame; anille, ‹As jira› jedheen.
GEN 31:12 Ergamaan Waaqaa, ‹Kunoo, korbeeyyii tattalee, buburre'ee fi titiifuu qofatti hoqonsiisatti jira.
GEN 31:13 Ani addee ati soodduu dhaaddee, zayitii ejersaa itti naxxee naaf kakatetti, Waaqa Bet'elitti sitti mudhate. Amma lafa tana keessaa ariiti'iin bayiitii gara lafa itti dhalattee deebi'i› naan jedhe» jedhe.
GEN 31:14 Raahelii fi Liyaan deebisanee, «Mana Abbaa keennaatitti qoodi dhaalaaf nu'uuf hafeeru jiraa ree?
GEN 31:15 Inni akka ormaatitti nu ilaala. Inni nu gurgureera; beesee marroo teennaaf kennantelle nyaatee fixeera.
GEN 31:16 Karri Waaqi abbaa keenna irraa fuudhe tun marti teennaa fi ta ijoollee teennaa ti; tanaaf waan Waaqi siin jedhe mara godhi» jedhaneen.
GEN 31:17 Maarre Yaaqoob dubartoota ifiitii fi ijoollee ifii gaala irra teessisee,
GEN 31:18 inni horii ifii mara, meya qabu mara, horii Phaadaan-Aaram keessatti horate oofatee gara biyya Kana'aanii, gara abbaa ifii Yisihaqii dhaqiisaaf ka'e.
GEN 31:19 Laabaan rifeensa hoole'ee muriisa dhaqeeruun, Raahel waaqota abbaa ifii ka Laabaanii mana keessaa hatte.
GEN 31:20 Yaaqoob akka baqataaru Laabaanitti adoo hin himin isa sobee deeme.
GEN 31:21 Yaaqoob waan qabu mara fudhatee baqate. Inni laga Efraaxiisiitiin gamatti bu'ee gara biyya koobitti'ii gara Giil'aadii deemiisaaf ka'e.
GEN 31:22 Guyyaa sadiin duuba akka Yaaqoob baqate Laabaan dhage'e.
GEN 31:23 Maarre inni fira ifii woliin Yaaqoob hordofe. Guyyaa torbaan duuba Laabaan biyya koobittii Giil'aadii keessatti itti dhikaate.
GEN 31:24 Waaqi ammoo halkan oojju'uun gara Laabaanii dhufee, «Waan hantuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne ifi eeggadhu!» jedheen.
GEN 31:25 Maarre Laabaan Yaaqoob dhaqqabe. Yaaqoob biyya koobittii sanitti dunkaana ifii dhaabate; Laabaanille Giil'aad biyya koobittii san keessatti fira ifii woliin dunkaana ifii dhaabate.
GEN 31:26 Laabaan, «Ati na soddee, akka dubartoota lola keessatti booji'antee durra tiyya fudhattee baduun keeti maan godhuu keeti?
GEN 31:27 Ati maaf na soddee, adoo natti hin himin dhossa'aan baqatte? Adoo natti hintee jiraattee, silaa ani gammadaan, weeddu'uun, dibbe'ee fi kiraaraan akka ani si geegessaayyu.
GEN 31:28 Ati akka ani akaakotaa fi durra tiyya sunqadhee nageya itti dhaamulle natti hin hinne. Wonni ati goote kun waan fokkisiisa'a.
GEN 31:29 Ani si miidhiisaaf hunna qabaayyu; halkan edaa ammoo Waaqi abbaa keetii natti dubbatee, ‹Waan hantuu Yaaqoobitti akka hin dubbanne, ifi eeggadhu!› naan jedhe.
GEN 31:30 Akka ati gara biyya abbaa keetii deebi'iisaaf guddoo barbaadde ani hin beeka; ammoo waaqota kiyya maaf hatte?» jedhe.
GEN 31:31 Yaaqoob deebisee, «Durra teeti hunnaan na irraa fudhatta jedhee waan sodaadheef.
GEN 31:32 Nu keessaa nami waaqota keeti fudhateeru yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Firoota keenna dhugaa bayoota godhadhuutii, waan keeti mara ilaalladhuutii fudhadhu» jedheen. Yaaqoob akka Raahel waaqota Laabaanii hatteertu waan hin beenneef tana jedhe.
GEN 31:33 Laabaan gara dunkaana Yaaqoobii, gara dunkaana Liya'aa, gara dunkaana dubartoota tajaajiltoota lamaaniille seene; ammoo waaqota ifii hin dhaggine. Achiin duuba inni gara dunkaana Raahelii seene.
GEN 31:34 Raahel waaqota mana keessaa fuutee kooraa gaalaa jalatti dhossitee irra teette. Laabaan dunkaana duudii keessa ilaale; ammoo waaqota ifii hin dhaggine.
GEN 31:35 Raahel abbaa ifiitiin, «Abba'a, natti hin mufatin; xuriin waan natti dhutteertuuf, si duraa ka'uu hin dandeenne» jetteen. Maarre inni addee duudii ilaale; ammoo waaqota ifii hin dhaggine.
GEN 31:36 Achiin duuba Yaaqoob aaree, «Ani maan balleesse? Ati wonni na ariituuf, ani seera maan yakke?
GEN 31:37 Ati waan qabu mara keessa ilaalteen duuba, waan keeti te'e maan dhaggite? Waan tokkolle yoo dhaggitee jiraatte, nu keessaa eentu sirrii akka te'e isaan akka muranuuf, as fira keetii fi fira kiyya dura keyi.
GEN 31:38 Ani woggaa diddama si'iif hujeera. Yennaa tana keessatti hoolotii fi re'ooti teeti gadha'aa hin ganne; korbeeyyii teetille ani hin nyaanne.
GEN 31:39 Bineensi yennaa horii nyaatu mara, ka dhidhate san aninuu bakka buuse malee, ani gara keeti hin finne. Horii halkan yookiin guyyaa hatamelle, na kaffalchiitte.
GEN 31:40 Yennaa hedduu guyyaa o'aan, halkan boojji'iin rakkadhe; rafiisalle hin dandeenne.
GEN 31:41 Ani woggaa diddama akka kanaan mana keeti keessa ture; woggaa kudhanii afur durra teeti lamaan fuudhiisaaf, woggaa jaa hoole'ee fi re'ee teeti dhaggatiisaaf tajaajile. Yennaa san keessatti ati mindaa kiyya yennaa kudhan jijjiirte.
GEN 31:42 Waaqi abbaa kiyyaa, Waaqi Abrahaamii, ka Yisihaq isa sodaatu adoo na woliin hin jiraatinii, ati silaa harka duwwaa na ariiteertaayyu. Ammoo Waaqi rakkoo tiyyaa fi eloo tiyya dhaggee, halkan edaa si xixe» jedheen.
GEN 31:43 Laabaan deebisee, «Dubartooti tun durra tiyya; ijoolleen isaaniille ijoollee tiyya; hoole'ee fi re'een tun tiyya. Wonni ati dhaggitu kun martinuu tiyya. Durra tiyya tanaa fi ijoollee isaanii ammoo ani attam miidhuu dande'a ree?
GEN 31:44 Koottu amma anii fi ati wolii galtee godhanna; wolii galtee san qaabatiisaaf soodduu dhaabbanna» jedhe.
GEN 31:45 Maarre Yaaqoob dhakaa tokko fuudhee soodduu dhaabe.
GEN 31:46 Inni firoota ifiitiin «Dhakaa wolitti qaba'a» jedhe; isaanille dhakaa wolitti qabanee tuulaneen duuba, tuulaa san biratti sagalee nyaatane.
GEN 31:47 Laabaan tuulaa dhaka'aa san, afaan Aaramiitiin, «Yagaar-sahadutaa» jedhee moggaase. Yaaqoob ammoo afaan Ibrootaatiin, «Gaal-Ed» jedhee moggaase.
GEN 31:48 Laabaan Yaaqoobiin, «Tuulaan dhaka'aa tun anaa fi si wodhakka'atti dhugaa baati» jedhe. Tanaaf addeen sun «Gaal-Ed» jedhante.
GEN 31:49 Laabaan ammalle, «Yennaa nu gargar baanu Waaqi nu eeguutii» waan jedheef, addee saniin, «Miisphaa» jedhe.
GEN 31:50 Laabaan itti dabalee, «Ati yoo durra tiyya rakkitte yookiin yoo dubartii dhibii fuute, eennulle nu woliin jiraachuu dhabulle, Waaqi dhugaa teenna akka te'e qaabadhu.
GEN 31:51 Wodhakkaa teennatti dhakaan ani tuulee fi soodduun ani dhaabelle kunoo ti.
GEN 31:52 Ani si miidhiisaaf tuulaa dhaka'aa tana akka hin dabarre, atille na miidhiisaaf tuulaa dhaka'aatii fi soodduu tana akka hin dabarre, tuulaa dhaka'aatii fi soodduun tun dhugaa baatota teenna.
GEN 31:53 Yoo wolii galtee tana hin eegin, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Naahoorii, Waaqi abbaa isaanii nu adabuu ti» jedhe. Achiin duuba, Yaaqoob maqaa Waaqa abbaan isaa Yisihaq sodaatuutiin wolii galtee tana eegatiisaaf kakate.
GEN 31:54 Yaaqoob gaara irratti ciincaa dhikeessee, sagalee akka nyaatanuuf fira ifii waame. Isaan nyaataneen duuba, halkan achi bulane.
GEN 31:55 Laabaan barii ganamaan ka'ee, akaakotaa fi durra ifii sunqatee, eebbise; achiin duuba inni gara mana ifii deebi'e.
GEN 32:1 Yaaqoob adoo deemiisatti jiruu, ergantooti Waaqaa isa woliin wol wolde'ane.
GEN 32:2 Inni yennaa isaan dhagge, «Kun quttuma Waaqaa ti» jedhee, maqaa addee sanii Mahanaayim baase.
GEN 32:3 Yaaqoob ifiin dura gara biyya Edoomii, gara lafa Se'iir jedhantuu obboleessa ifii Esaawutti ergantoota erge.
GEN 32:4 Yaaqoob worra erge san ajajee, «Goottaa kiyya Esaawu'uun, ‹Ani tajaajilaan keeti Yaaqoob haga ammaa alagaa te'ee Laabaan bira le'aa ture.
GEN 32:5 Ani loonii fi harree, hoole'ee fi re'ee, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii qaba. Ani fudhatama akka dhaggadhuuf ergaa tana si goottaa kiyyatti himadha› jedheera Yaaqoob jedha'a» jedhe.
GEN 32:6 Ergantooti yennaa gara Yaaqoobii deebi'anee dhufane, «Nuuti gara obboleessa keeti Esaawuu dhandheerra; innille amma gara keeti dhufiisatti jira; namooti dhibba afuriille isa woliin jiran» jedhane.
GEN 32:7 Yaaqoob guddoo sodaatee, yaaddowee, namoota isa bira jiranu, hoole'ee fi re'ee, loon, gaalalle golii lamatti gargar qoode.
GEN 32:8 Inni, «Esaawuun golii tokko yoo miidhe, goliin tuun miliquu hin dandeetti» jedhee yaadee ti.
GEN 32:9 Achiin duuba Yaaqoob daadimatee, «Ee, Waaqa akaakoo kiyya Abrahaamii, Waaqa abbaa kiyya Yisihaqii naa dhage'i! Sittuu, ‹Biyya keetitti, fira keetitti deebi'i; anille waan dansaa si'iif hin godha› anaan jedhe.
GEN 32:10 Gadhi-laafumma'aa fi addatamummaan ati ana tajaajilaa keetitti mudhitte sun, naaf hin malle; yennaa qaraa ulee malee, ani womaa qabadhee laga Yordaanosii hin buune; amma golii lama tana woliin deebi'eera.
GEN 32:11 Inni dhufee ana, haadhoti'ii fi ijoollee hin ijjeesa fa'a jedhee waan sodaadheef, ati harka obboleessa kiyya Esaawuu jalaa akka na baachu si gaafadha.
GEN 32:12 Atuu, ‹Ani waan dansaa si'iif hin godha; sanyii teetille akka maansa abbaaya'aa, ka sababa bacinna isaatiif laakkowamuu hin dandeennee hin godha› jetteerta» jedhe.
GEN 32:13 Maarre inni halkan san achuma bulee, waan ifii qabu keessaa kennansa obboleessa ifii Esaawu'uuf dhikeessu,
GEN 32:14 re'oota dhaltuu dhibba lamaa fi korbeeyyii re'ootaa diddama, hoolota dhaltuu dhibba lamaa fi korbeeyyii hoolotaa diddama,
GEN 32:15 gaalota hoosisanu soddoma ilmoolee isaanii woliin, sa'oolee afurtamaa fi korommii kudhan, harreelee dhaltuu diddamaa fi harreelee wodala kudhan file.
GEN 32:16 Inni horii kana cinna cinnaan qoqoodee, tajaajiltoota ifiititti kennee, «Anaan duratti dabara'aatii, wodhakkaa cinna cinna hori'iititti lafa lakkisa'a» jedhe.
GEN 32:17 Yaaqoob tajaajilaa dura jiruun, «Esaawuun obboleessi kiyya sitti dhufee, ‹Ati ka eennuu ti? Eessa dhaxxa? Horiin ati oofattu kun ka eennuu ti?› jedhee yennaa si gaafate,
GEN 32:18 ati, ‹Horiin kun ka tajaajilaa keeti Yaaqoobii ti. Inni horii kana goottaa kiyya Esaawu'uuf kennansa erge. Innille duuba keennaan dhufiisatti jira› jettaan» jedheen.
GEN 32:19 Yaaqoob cinna lammeesso'ootiin, cinna sadeesso'oolle'een, worra cinna hori'ii san oofu maraanuu, «Isinille yoo Esaawu isinitti dhufe, dubbuma tana itti hima'a.
GEN 32:20 ‹Kunoo, tajaajilaan keeti Yaaqoob nu duubaan dhufiisatti jira› jedha'aan» jedhee gorse. Yaaqoob, «Kennansa ani ifi dura ergeef kanaan Esaawu naa araarama fa'a. Achiin duuba ani yennaa isa dhagge, inni na fudhata fa'a te'a» jedhee yaade.
GEN 32:21 Yaaqoob kennansa san dursee dabarsee ergee, ifiif ammoo halkan san addee quttumaa san bule.
GEN 32:22 Yaaqoob halkanuma san ka'ee, niitota ifii lamaan, tajaajiltoota ifii ta durraa lamaanii fi ijoollee ifii kudhanii tokko fudhatee laga Yaaboqiitiin gamatti bu'e.
GEN 32:23 Inni gamatti isaan buuseen duuba, waan qabu maralle gamatti buuse.
GEN 32:24 Inni ammoo qofuu hafe. Achiin duuba nami tokko dhufee haga boruun dayya'utti Yaaqoob woliin wodhaantoo qabate.
GEN 32:25 Namichi sun akka dande'ee Yaaqoob hin injifanne yennaa dhagge, luqqee Yaaqoobii dhowe; Yaaqoobille adoo isaa woliin wodhaantoo qabatuu kurreen Yaaqoobii buqqaate.
GEN 32:26 Achiin duuba namichi, Yaaqoobiin, «Boruun dayya'aaraa, na lakkis!» jedhe. Yaaqoob ammoo, «Yoo na eebbitte malee, ani si hin lakkisu!» jedheen.
GEN 32:27 Maarre namichi, «Maqaan keeti eennu?» jedhee gaafate. Innille deebisee, «Maqaan kiyya Yaaqoob» jedhe.
GEN 32:28 Achiin duuba namichi, «Ati Waaqaa fi nama woliin wodhaantoo qabattee injifatteerta; tanaaf, haganaa achi maqaan keeti Israa'el jedhamuu ti malee, Yaaqoob hin jedhamin» jedhe.
GEN 32:29 Achiin duuba Yaaqoob, namichaan, «Maganne'ee maqaa keeti natti himi!» jedhee isa gaafate. Inni ammoo, «Maqaa kiyya maaf gaafatta?» jedhee, achitti isa eebbise.
GEN 32:30 Yaaqoobille, «Ani Waaqa fuula kiyya duratti dhaggee, haga ammaa jiru'uun jira» jedhe; tanaaf maqaa addee sanii, «Pheeni'el» jedhee moggaase.
GEN 32:31 Yaaqoob pheeni'elii ka'ee deemiisatti jiruun aduun baate; inni luqqee waan miidhameef hokkoliisatti jiraayyu.
GEN 32:32 Yaaqoob namicha woliin wodhaantoo qabatuun, namichi foon kurree luqqee isaa irraa waan dhoweef, Israa'elooti haga adhaa foon kurree luqqee irraa hin nyaatanu.
GEN 33:1 Yaaqoob ol ilaalee, Esaawuun namoota dhibba afur woliin dhufiisatti jiruun dhagge; tanaaf inni ijoollee Liya'atti, Raahelii fi dubartoota tajaajiltoota lamaanitti qoqoode.
GEN 33:2 Inni dubartoota tajaajiltoota lamaan ijoollee isaanii woliin dura aansee, Liya'aa fi ijoollee isi'ii itti aansee, Raahelii fi Yoseef duuba aanse.
GEN 33:3 Yaaqoob isaaniin dura deemee, haga obboleessa ifii bira gewutti yennaa torba lafatti gad isaaf gombifame.
GEN 33:4 Esaawu ammoo isa qophatiisaaf itti rukkisee, hanqafatee isa sunqate. Isaan lamaanuu bowane.
GEN 33:5 Esaawu ol ilaalee, dubartootaa fi ijoollee yennaa dhagge, «Kolbaan si woliin jirtu tun ta eennuu ti?» jedhee gaafate. Yaaqoob, «Isaan, ijoollee Waaqi badhaadha ifiitiin ana tajaajilaa keetiif kenne» jedheen.
GEN 33:6 Achiin duuba dubartooti tajaajiltoota ijoollee ifii woliin dhufanee gad gombifamaneef;
GEN 33:7 achiin duuba Liya'aa fi ijoolleen isi'ii dhufanee gad gombifamaneef; dhuma irratti Raahelii fi Yoseefille dhufanee gad gombifamaneef.
GEN 33:8 Esaawu, «Horiin cinna cinnaan oofanuun dhagge kana maan yaaddee naaf ergite?» jedhee gaafate. Yaaqoob deebisee, «Goottaa kiyya, si duratti fudhatama dhaggatiisaaf erge» jedhe.
GEN 33:9 Esaawu ammoo, «Obboleessa kiyya, ani bacaa qaba. Keeti si'iifuu te'uu ti» jedhe.
GEN 33:10 Yaaqoob, «Waawwo'o; ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, kennansa kiyya ana irraa fudhadhu. Ati waan na fudhatteef, fuula keeti dhaggiisi, fuula Waaqaa akka dhaggeetitti laakkowa.
GEN 33:11 Waaqi arjumma'aan waan naaf barbaachisu mara waan kenneef, maganne'ee kennansa ani si'iif fide kana fudhadhu» jedhe. Yaaqoob waan isa uttiseef, Esaawu kennansa fudhate.
GEN 33:12 Achiin duuba Esaawu, «Ka'i ideennaa ti. Ani si dura hin deema» jedhe.
GEN 33:13 Yaaqoob ammoo deebisee, «Goottaa kiyya, ijoolleen, hoole'ee fi re'een, ilmooleen isaaniille, loonii fi jabbiin dadhaboolee akka te'ane hin beetta. Guyyuma tokkoofille ariiti'iin yoo oofamane, isaan martinuu hin du'an.
GEN 33:14 Tanaaf, maganne'ee goottaa kiyya, ati ana tajaajilaa keeti dura deemi. Ani akka ideensa hori'iitii fi ijoolle'eetitti laanuma haga Edoomitti si dhaqqabutti si hordofa» jedhe.
GEN 33:15 Esaawu deebisee, «Namoota na woliin jiranu keessaa garii si biratti lakkisa» jedhe. Yaaqoob ammoo, «Ani fuula goottaa kiyyaa duratti fudhatama dhaggatiisa qofa malee, kun maaniif barbaachisa?» jedhe.
GEN 33:16 Tanaaf Esaawu gaafuma san gara Edoomii deebi'e.
GEN 33:17 Yaaqoob ammoo gara addee, «Suukoot» jedhantuu ideemee, achitti ifiif mana, loon ifiitiif gosee ijaare; tanaaf maqaa addee sanii, «Suukoot» jedhee moggaase.
GEN 33:18 Yaaqoob phaadaan-Aaramii yennaa deebi'e, nageyaan gara qachaa Sheekemii ka biyya Kana'aanii keessaa dhufe; inni achi qacha'aan fuula dura qubate.
GEN 33:19 Inni sanyii Hamoorii, abbaa Sheekemii irraa lafa dunkaanii irratti dhaabate san, meetii dhibbaan bitate.
GEN 33:20 Inni achitti addee ciinca'aa ijaaree, «Waaqi, Waaqa Israa'elii ti» jedhee maqaa baase.
GEN 34:1 Gaafa tokko Dinaan intalti Yaaqoobii, ta Liyaan deette, dubartoota biyya sanii ilaaliisaaf gad baate.
GEN 34:2 Sheekemiin ilmi Hamoorii, nami gosa Hiiwoo, bulchaan lafa sanii, yennaa isii dhagge, hunnaan bantii isi'ii balleesse.
GEN 34:3 Inni ammoo shaggummaa Dina'aatiin booji'amee, isii jaalatee, akka isiille isa jaalattuuf hawadate.
GEN 34:4 Abbaa ifiille'een, «Intala tana na fuusis» jedhe.
GEN 34:5 Yaaqoob intalti isaa Dinaan akka bantii badde dhage'e; ilmaan isaa ammoo horii isaa keessa ala waan jiranuuf, haga isaan deebi'anee dhufanutti cadhi jedhe.
GEN 34:6 Achiin duuba abbaan Sheekemii Hamoor Yaaqoob woliin dubbatiisaaf bayee dhaqe.
GEN 34:7 Ilmaan Yaaqoobii akkuma tikaa dhufaneen waan te'e dhage'ane. Sheekem intala Yaaqoobii hunnaan bantii balleessiisaan kolbaa Israa'elii waan salphiseef, isaan guddoo aarane.
GEN 34:8 Hamoor ammoo obboleeyyan Dina'aatiin, «Ilmi kiyya Sheekem intala teessan guddoo jaalateera. Maganne'ee fuudhuutii kenna'aaf.
GEN 34:9 Ilmaanii fi durri teenna wol fuudhanuu ti; durra teessan nuu kenna'a; isinille durra teenna fuudha'a.
GEN 34:10 As biyya teenna keessa nu woliin turuu dandeettan; addee feetane le'aa, daldalataa lafa qabaatuu hin dandeettan» jedhe.
GEN 34:11 Sheekem abbaa Dina'aatii fi obboleeyyan Dina'aatiin, «Ani fuula keessan duratti fudhatama dhaggadhuutii malee, waanuma isin jettane hin kenna.
GEN 34:12 Gatii intalaa haga feetane na gaafadha'a; isuma callaa fuudhuutii malee, waan isin feetane mara hin kenna» jedhe.
GEN 34:13 Sheekem obboleettii isaanii Dinaa waan bantii balleesseef, ilmaan Yaaqoobii, isaa fi Hamoorii abbaa isaatiif sobaan deebii kennaneef.
GEN 34:14 Isaan, Sheekemii fi abbaa isaatiin, «Nuuti nama haqanqabaa hin qabatiniif, obboleettii teenna kennuu hin dandeennu; kun nu'uuf salphinna.
GEN 34:15 Isin akka keenna teetanee, dhiirti teessan duudiin haqanqabaa akka qabatanu yoo gootane qofa, isii isiniif kennuu dandeenna.
GEN 34:16 Achiin duuba nuuti durra teenna isiniif hin kennina; nuutille durra teessan hin fuuna; kolbaa tokko teenee woliin hin leena.
GEN 34:17 Isin yoo nu dhage'uu dhaddanee haqanqabaa qabatuu diddane, nuuti intala teenna fudhannee hin ideenna» jedhane.
GEN 34:18 Wonni isaan dubbatane Hamoorii fi ilma isaa Sheekemitti dansaa teetee mudhatte.
GEN 34:19 Sheekem intala Yaaqoobii waan jaalateef, waan jedhame godhiisaaf hin turre; inni namoota mana abbaa ifii mara caalaa ulfinna qabaayyu.
GEN 34:20 Maarre Hamoorii fi ilma isaa Sheekem gara karra qachaa ifii dhaqanee, namoota qachaa saniitiin,
GEN 34:21 «Kolbaan tun kolbaa nageyaa ti; nu woliin lafa tana le'anuu ti; bilisaan asii fi achi deddeemanee daldalatanuu ti; kunoo latti nu'uu fi isaaniifille hin geetti; nuutille durra isaanii hin fuuna; durra teennalle isaaniif hin kennina.
GEN 34:22 Akkuma isaanii, dhiirti teenna martinuu yoo haqanqabaa qabanne qofa isaaniin wolii gallee woliin leena; kolbaa tokkolle hin teena.
GEN 34:23 Yoo akkana goone, loon isaanii, qabeennii fi horiin isaanii marti keenna hin te'anii motii ree? Waan isaan jedhane yoo wolii galle qofa, isaan nu woliin le'uu dande'an» jedhane.
GEN 34:24 Kolbaan qacha'aa marti yaada Hamoorii fi ilma isaa Sheekem dhikeessane irratti wolii galanee, dhiirti marti haqanqabaa qabatane.
GEN 34:25 Guyyaa sadiin duuba, dhiirti haqanqabaa qabatte adoo hin fayyin, ilmaan Yaaqoobii lamaan, obboleeyyan Dina'aa Shimi'oonii fi Lewwiin, shallaagaa ifii fudhatanee, eennulle adoo hin beekin, gara qacha'aa seenanee, dhiira mara,
GEN 34:26 Hamoorii fi ilma isaa Sheekemille ijjeesane. Achiin duuba Dinaa mana Sheekemiitii fudhatanee deemane.
GEN 34:27 Ilmaan Yaaqoobii dhibiin reeffa irra dhufanee, sababa obboleettiin isaanii bantii baddeef, qachaa san saamane.
GEN 34:28 Isaan hoole'ee fi re'ee isaanii, loon isaanii, harree isaanii, waan qachaa keessaatii fi alaa mara fudhatane.
GEN 34:29 Isaan waan gatii qabu mara fudhatanee, dubarti'ii fi ijoollee mara booji'anee, waan mana keessa jiru mara saamane.
GEN 34:30 Yaaqoob Shimi'oonii fi Lewwi'iin, «Worri biyya tanaa, worri Kana'aanii, worri Pheriizonii jibbanee akka na ijjeesanu godhiisaan, rakkoo natti fiddane; laakkossi nama kiyyaa diqqa'a. Isaan wolitti dacha'anee yoo na lolan; anii fi maatiin tiyya hin banna» jedhe.
GEN 34:31 Shimi'oonii fi Lewwiin deebisanee, «Sheekem obboleettii teenna akka sagaagaltitti'ii tolchuutii ree?» jedhane.
GEN 35:1 Waaqi Yaaqoobiin, «Ka'ii gara Bet'elii ol bayii, achi le'i! Yennaa ati obboleessa keeti Esaawu duraa baqatte ana Waaqa sitti mudhateef, addee ciinca'aa ijaar!» jedhe.
GEN 35:2 Tanaaf Yaaqoob maatii ifiitii fi worra isa woliin jiruun, «Waaqota orma odduu teessanii qaddanu baasa'a; nafa keessan qulqulleeffadha'a; woyaa teessanille jijjiiradha'a.
GEN 35:3 Kowaa gara Bet'elii deenna. Waaqa yennaa rakkoo tiyyaa na qarqaaree, addee maratti na woliin jiraateef, addee ciinca'aa achitti hin ijaara» jedhe.
GEN 35:4 Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii qabanu mara, qubee gurraalle Yaaqoobitti kennanee, inni qilxaa guddaa qachaa Sheekemii biraa jalatti awwaale.
GEN 35:5 Yennaa Yaaqoobii fi maatiin isaa achii deemiisaaf ka'ane, Waaqi kolbaa adaala qachootaa irratti sodaa guddoo waan buuseef, isaan hin hordonne.
GEN 35:6 Yaaqoob worra isa woliin jiru mara woliin gara Luzii, lafa Kana'aan keessaa, ta amma Bet'el jedhantuu dhaqane.
GEN 35:7 Yaaqoob achitti addee ciinca'aa ijaare; yennaa inni obboleessa ifii duraa baqatee ideeme, Waaqi achitti waan isatti mudhateeruuf, addee san, «El-Bet'el» jedhee maqaa baase.
GEN 35:8 Yennaa san Deboraan Ribqaa gudditte duutee, qilxaa Bet'el irraa gara kibbaa jiru tokko jalatti awwaalante; tanaaf qilxaan sun, «Qilxaa bowaa» jedhame.
GEN 35:9 Yennaa Yaaqoob phaadaan-Aaramii deebi'ee dhufe, Waaqi ammalle isatti mudhatee, isa eebbise.
GEN 35:10 Waaqi, «Maqaan keeti Yaaqoob; haganaa achi ammoo maqaan keeti, ‹Israa'el› jedhama malee, ‹Yaaqoob› hin jedhamu» jedheen. Tanaaf akkuma Waaqi maqaa isa moggaasetti maqaan isaa, «Israa'el» jedhame.
GEN 35:11 Waaqi isaan, «Ani Waaqa waan mara dande'u. Hori, bacadhu! Gosi biyya adda addaa si irraa hin dhaggaman; moototille si irraa hin dhalatan.
GEN 35:12 Lafuma Abrahaamii fi Yisihaqiif kenne, si'ii fi sanyii teetiifille hin kenna» jedhe.
GEN 35:13 Achiin duuba Waaqi addee isatti dubbate sanitti isa lakkisee biraa ol baye.
GEN 35:14 Yaaqoob addee Waaqi isatti dubbate sanitti soodduu dhaabee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irratti dhangalaase.
GEN 35:15 Tanaaf Yaaqoob maqaa addee Waaqi isatti dubbatee san, «Bet'el» jedhee baase.
GEN 35:16 Yaaqoobii fi maatiin isaa Bet'elii ka'anee, biyya Efraataa geyaaranuun, Raahel ciniinsuu jadduu ciniinsifatte.
GEN 35:17 Ciniinsuun yennaa itti jabaatte, dubartiin deessittuu isi'ii, «Raahel, ati ilma dhibii waan deyaartuuf hin sodaatin!» jetteen.
GEN 35:18 Raahel ammoo du'iisaaf lubbuun keessaa bayaartuun, maqaa muca'aa, «Ben-Onii» jettee baatte. Abbaan isaa ammoo, «Beniyaamin» jedhee baase.
GEN 35:19 Achiin duuba Raahel duutee, karaa Efraataa dhaqu, ka amma Betlihem jedhamu cina'atti awwaalante.
GEN 35:20 Yaaqoob irreensa Raahelii irratti soodduu dhaabe. Soodduun sun haga adhaa achi jirti.
GEN 35:21 Israa'el achii deemee, xelleephoo Edariitiin gara kaanitti qubate.
GEN 35:22 Yaaqoob lafa san adoo le'iisatti jiruu, Ruuben niitii abbaa ifii Bilhaa gursumeettii woliin rafe; Yaaqoobille waan kana dhage'e. Yaaqoob ilmaan kudhanii lama qabaayyu.
GEN 35:23 Ilmaan Liyaan Yaaqoobiif deette: Ruuben ilma angaficha, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon.
GEN 35:24 Ilmaan Raahel Yaaqoobiif deette: Yoseefii fi Beniyaamin.
GEN 35:25 Ilmaan garbittiin Raahelii Bilbaan Yaaqoobiif deette: Daanii fi Naftaalem.
GEN 35:26 Ilmaan garbittii Liya'aa Zilfaan Yaaqoobiif deette: Gaadii fi Asheer. Ilmaan Yaaqoobii worri phaadaan-Aaramitti dhalatane isaan kana.
GEN 35:27 Yaaqoob qachaa Mamre'eetitti Kebroon bira, addee Abrahaamii fi Yisihaq le'ane gara abbaa ifii Yisihaqii dhaqe.
GEN 35:28 Yisihaq woggaa dhibbaa fi saddeettama le'e.
GEN 35:29 Yisihaq guddoo dulloomee, baralle quufee du'e; ilmaan isaa Esaawu'uu fi Yaaqoob isa awwaalane.
GEN 36:1 Hiddi sanyii Esaawuu ka «Edoom» jedhamuu asii gad jiran.
GEN 36:2 Esaawuun dubartoota Kana'aan keessaa, Aadaa intala Eloonii nama gosa Heetii, Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibe'onii nama gosa Hiiwoo fuudhe;
GEN 36:3 ammalle intala Ishimaa'elii, obboleettii Nabaayootii, Basmaati fuudhe.
GEN 36:4 Aadaan, Eliifaaziin isaaf deette; Basmaati Rewu'el deetteef;
GEN 36:5 Oholiibaamaan ammoo Ye'ush, Yaalamii fi Qoraahi deetteef; ilmaan Esaawu'uu tun biyya Kana'aaniititti dhalatane.
GEN 36:6 Esaawuun dubartoota ifii, ilmaan ifii, durra ifii, namoota mana ifii mara, loon, horii dhibii mara, qabeenna biyya Kana'aaniititti horate maralle fudhatee, Yaaqoobii obboleessa ifii biraa ka'ee, gara lafa dhibi'ii deeme.
GEN 36:7 Qabeenni isaanii guddoo waan bacateef, latti isaan gewuu waan dhaddeef, isaan lamaanuu woliin le'iisa hin dandeenne.
GEN 36:8 Tanaaf Esaawuun ka «Edoom» jedhamu biyya koobittii Se'iir keessa le'e.
GEN 36:9 Hiddi dhaloota sanyii Esaawu'uu, ka «Edoomota» jedhamanu, worra biyya koobittii Se'iir keessa le'eef abbaa ka te'ee, asii gad jiran.
GEN 36:10 Esaawuun niitii ifii Aadaa irraa ilma Eliifaaz, niitii ifii Basmaati irraa ilma Rewu'el uumate.
GEN 36:11 Ilmaan Eliifaazii: Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataamii fi Qenaz.
GEN 36:12 Eliifaaziin ilmi Esaawu'uu, niitii gursumeettii «Tiimnaa» jedhantu qabaayyu; isiille Amaaleqi deetteef. Isaan kun akkoowwan Aadaa haadha manaa Esaawu'uu ti.
GEN 36:13 Ilmaan Rewu'elii: Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miiza'a. Isaan kun akkoowwan Basmaatii haadha manaa Esaawu'uu ti.
GEN 36:14 Oholiibaamaan, niitiin Esaawu'uu, intalti Aannaa ilma Zibe'onii, ilmaan, «Ye'ush, Yaalam, Qoraahi» jedhamanu Esaawu'uuf deette.
GEN 36:15 Bulchitooti sanyii Esaawu'uu, ta ilma isaa angaficha Eliifaaz irraa dhutte: Temaan, Omaar, Zafoo, Qenaz,
GEN 36:16 Qoraahi, Gaataamii fi Amaaleqi; isaan ilmaan Eliifaazii worra lafa Edoomiititti bulchitoota te'e, akkoowwan Aadaa haadha manaa Esaawu'uu ti.
GEN 36:17 Bulchitooti sanyii Rewu'elii ilma Esaawu'uu: Naahaat, Zeraa, Shamaa fi Miiza'a; isaan kun ilmaan Rewu'elii worra lafa Edoomiititti bulchitoota te'ane, akkoowwan Basmaatii haadha manaa Esaawu'uu ti.
GEN 36:18 Worri Oholiibaamaa haadha manaa Esaawu'uu irraa dhalatanee, bulchitoota te'ane: Ye'ush, Yaalamii fi Qoraahi; isaan kun Oholiibaamaa haadha manaa Esaawu'uu intala Aannaa irraa dhalatanee bulchitoota te'ane.
GEN 36:19 Isaan kun sanyii Esaawu'uu ka «Edoom» jedhamuu, worra bulchitoota te'ane.
GEN 36:20 Ilmaan Se'iirii nama biyya Hoorii, worri duruu biyya keessa jiranu: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa,
GEN 36:21 Diishon, Ezerii fi Diishaan; isaan kun lafa Edoomiititti worra bulchitoota gosa Hoorii te'ane.
GEN 36:22 Ilmaan Loxaanii: Hoorii fi Hemaan; Tiimnaan obboleettii Loxaanii ti.
GEN 36:23 Ilmaan Shobaalii: Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam.
GEN 36:24 Ilmaan Zebe'onii: Ayya'aa fi Aannaan; Aannaaniin kun harree Zibe'onii abbaa ifii adoo tissuu, goomolee keessatti ka madda o'u dhagge.
GEN 36:25 Ilmi Aanna'aa Diishon; intalti isaa Oholiibaama'a.
GEN 36:26 Ilmaan Diishonii: Hemdaan, Eshibaan, Yitraanii fi Keraan.
GEN 36:27 Ilmaan Ezerii: Bilhaa, Zaawaanii fi Aqaan.
GEN 36:28 Ilmaan Diishaanii: Uzii fi Aaraan.
GEN 36:29 Bulchitooti worra gosa hoorii: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa,
GEN 36:30 Diishon, Ezer, Diishaan. Isaan kun lafa Edoomiititti worra bulchitoota gosa Hoorii te'ane.
GEN 36:31 Israa'el irratti mootiin adoo hin mootomin dura, lafa Edoomii irratti moototi mootomane ka asii gad jiranu.
GEN 36:32 Bel'aan ilmi Be'orii biyya Edoomii irratti mootii te'e; maqaan qachaa isaa Diinhaba'a.
GEN 36:33 Bel'aan yennaa du'e, Yobaab ilmi Zera'aa nami biyya Bozra'aa mootii te'e.
GEN 36:34 Yobaab yennaa du'e, Hushaam nami biyya Teema'aa mootii te'e.
GEN 36:35 Hushaam yennaa du'e, Hadaad ilmi Badadii ka cinaa biyya Mo'aabiititti worra Miidiyaanii injifate mootii te'e; maqaan qachaa isaalle Aawiit jedhama.
GEN 36:36 Hadaad yennaa du'e, Samlaan nami biyya Masreqa'aa mootii te'e.
GEN 36:37 Samlaan yennaa du'e, Shaawul nami qachaa Rehobotii ka laga qarqaraa mootii te'e.
GEN 36:38 Shaawul yennaa du'e, Ba'aal-Hanaan ilmi Akborii mootii te'e.
GEN 36:39 Ba'aal-Hanaan ilmi Akborii yennaa du'e, Hadaad mootii te'e; maqaan qachaa isaa Phaawu jedhama. Niitiin isaa ta «Mahexaabel» jedhantu, intala Maxiredii nama biyya Mezahabii ti.
GEN 36:40 Bulchitooti sanyii Esaawu'uu irraa dhufane tun, akka maatii maatii isaaniititti, akka addee addee isaaniititti tarreeffamaneeran. Maqaan isaanii: Tiimnaa, Alwaa, Yetet,
GEN 36:41 Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon,
GEN 36:42 Qenaz, Temaan, Miibzaar,
GEN 36:43 Magdii'elii fi Iraam. Isaan kun sanyii Esaawu'uu, bulchitoota Edoomii ti. Latti maatiin tun tokko tokkoonuu leete, maqaa maatii saniitiin beekkama. Esaawuun kun abbaa Edoomotaa ti.
GEN 37:1 Yaaqoob lafa abbaan isaa le'eeru, lafa Kana'aanii keessa le'e.
GEN 37:2 Dabarsiin maatii Yaaqoobii ta asii gadii tana. Yoseef dargageessa woggaa kudhanii torbaa yennaa te'etti, ijoollee niitota abbaa ifii, ilmaan Bilha'aatii fi Zilfa'aa obboleeyyan ifii woliin hoole'ee fi re'ee tissaa ture; inni oduu waan badduu isaan hujanee fidee abbaa isaaniititti hime.
GEN 37:3 Yaaqoob ilma dullummaa keessa dhaggate waan te'eef, ilmaan ifii mara caalaa Yoseef jaalate; inni qoloo seesa qaddu ta harka dheertu'uu hojjachiiseef.
GEN 37:4 Obboleeyyan isaa akka abbaan isaanii isaan mara caalaa isa jaalate yennaa dhaggane, isa jibbanee, dubbii nageyaa isatti dubbatuu hin dandeenne.
GEN 37:5 Gaafa tokko Yoseef oojjuu oojjatee, yennaa inni obboleeyyan ifiititti hime, ittuu caalchisanee isa jibbane.
GEN 37:6 Inni, «Ani oojjuu oojjadhe isinitti hima.
GEN 37:7 Nuuti fichaa wodhakka'atti laddee qamadi'ii hidhiisatti jiraayyu; laddeen tiyya ol kaatee dhaabbatte; laddeen teessanille isii marsitee sagaddeef» jedheen.
GEN 37:8 Obboleeyyan isaa deebisanee, «Ati dhugumaan nu irratti mootii hin te'a jettee yaaddaa? Ati dhugumaan nu irratti baallii hin qabaadha jettee yaaddaa?» jedhaneen; obboleeyyan isaa sababa oojjuu isaatii fi waan inni jedheetiif ittuma caalchisanee isa jibbane.
GEN 37:9 Ammalle oojjuu dhibii oojjatee, obboleeyyan ifiititti himee, «Kunoo, ani oojjuu dhibii oojjadhee, aduun, ji'aa fi urjiin kudhanii tokko naaf sagadanuun dhagge» jedhe.
GEN 37:10 Yennaa inni abbaa ifiitii fi obboleeyyan ifiititti hime, abbaan isaa «Oojjuun tun oojjuu attamii ti? Ati dhugumaan anii fi haati teeti, obboleeyyan teetille si'iif hin saganna jettee yaaddaa?» jedhee isa xixe.
GEN 37:11 Obboleeyyan isaa isa hinaafane; abbaan isaa ammoo waan kana qalbi'itti qabate.
GEN 37:12 Gaafa tokko obboleeyyan Yoseefii horii abbaa ifii tissiisaaf gara Sheekemii dhaqane.
GEN 37:13 Yaaqoob, Yoseefiin, «Obboleeyyan teeti Sheekemitti akka horii tissiisatti jiranu hin beetta. Gara isaanii si ergaa koy» jedhe. Yoseefille, «Tole» jedhe.
GEN 37:14 Abbaan isaa, «Dhaqii, obboleeyyan teetii fi horiin nageyaan akka jiranu ilaaliitii, deebi'ii natti himi» jedheen; akka kanaan abbaan Yoseefii dhooqa Kebroonii irraa isa erge. Yoseef yennaa Sheekem geye,
GEN 37:15 isaa diida keessa daddaaqu, namichi tokko dhaggee, «Ati maan barbaadda?» jedhee gaafate.
GEN 37:16 Yoseef deebisee, «Obboleeyyan tiyya barbaadiisatti jira; maganne'ee addee isaan horii tissiisatti jiranu natti himi» jedheen.
GEN 37:17 Namichi, «Isaan, ‹Dootaan dhandha› woliin jedhanuun waan dhage'eef, asii deemaneeran» jedheen. Tanaaf Yoseef obboleeyyan ifii faana dhaqee Dootaanitti isaan dhagge.
GEN 37:18 Obboleeyyan Yoseefii adoo inni isaanitti hin dhikaatin, fago'otti isa dhagganee, isa ijjeesiisaaf mala dhowane.
GEN 37:19 Isaan wol woliin, «Kunoo, abbaan oojju'uu sun dhufe.
GEN 37:20 Kowa'a, isa ijjeennee, reeffa isaa boolla tana keessaa takkatti'itti qolaansinee, bineensatti nyaate jenna. Achiin duuba oojjuun isaa maan akka teetu hin ilaalla» jedhane.
GEN 37:21 Ruuben ammoo tana yennaa dhage'e, «Hin ijjeennu» jedhee harka isaanii keessaa isa baase.
GEN 37:22 Ruuben, isaaniin, «Dhiiga hin dhangalaasina'a; boolla goomole'ee tana keessa buusa'a malee, isa hin miidhina'a» jedhe. Inni harka isaanii keessaa isa baasiisee, abbaa isaatiif isa deebisiisaaf tana jedhe.
GEN 37:23 Yoseef obboleeyyan ifii bira yennaa geye, isaan qoloo isaa ta seesa qaddu ta harka dheertu'uu san irraa baasanee,
GEN 37:24 boolla duwwaa bisaan keessa hin jirre, keessa buusane.
GEN 37:25 Achiin duuba isaan sagalee nyaatiisaaf tetee'ane; isaan yennaa ol ilaalane daldaltooti Ishimaa'elootaa, Giil'aadi irraa gara biyya Gibxi'ii gad bu'aaranuun dhaggane. Gaaloti isaanii uddowaa, fiqire'ee fi qumbii ba'ataneeran.
GEN 37:26 Achiin duuba Yihudaan obboleeyyan ifiitiin, «Yoo obboleessa keenna ijjeennee, du'a isaa dhossine, bu'aa maan dhagganna?
GEN 37:27 Kowa'a, worra Ishimaa'elootaa kanatti isa gurgurra. Inni obboleessa keenna, foonuma keenna waan te'eef, harka keennaan isa hin ijjeennu» jedhe; obboleeyyan isaalle yaada kanatti wolii galane.
GEN 37:28 Worri Ishimaa'elootaa daldaltooti Miidiyaanii karaa saniin dabaraa turane; obboleeyyan Yoseefii boolla keessaa ol harkittee isa baattee, meetii diddamatti worra Ishimaa'elootaatitti gurguratte. Isaanille gara biyya Gibxi'ii isa geessane.
GEN 37:29 Ruuben yennaa gara boollaa deebi'ee dhufe, Yoseef akka achi hin jirre dhaggee, gaddee woyaa ifii tarsaase.
GEN 37:30 Inni gara obboleeyyan ifii deebi'ee, «Mucaan achi hin jiru! Ani eessa goru naa woyya ree?» jedhe.
GEN 37:31 Achiin duuba isaan re'ee qalanee, qoloo Yoseefii dhiiga keessa cuuphane.
GEN 37:32 Isaan qoloo seesa qaddu ta harka dheertu'uu san fuudhanee gara abbaa ifii geessanee, «Nuuti qoloo tana dhaggineerra; me ilaali, woyaa ilma keetii moo ta isaatii moti?» jedhaneen.
GEN 37:33 Innille qoloo beekee, «Qoloo ilma kiyyaa ti! Bineensatti isa nyaateera. Dhugumaan Yoseef kukkutameera» jedhe.
GEN 37:34 Achiin duuba Yaaqoob gaddaan woyaa ifii tarsaasee, woyaa gaddaa uffatee, guyyaa hedduu ilma ifiitiif gadde.
GEN 37:35 Ilmaan isaatii fi durri isaa duudiin isa jajjabeessiisaaf dhufane; inni ammoo jajjabaatiisa didee, «Ani haga du'utti, ilma kiyyaaf hin gadda» jedhe. Tanaaf ilma ifii Yoseefiif bowe.
GEN 37:36 Yennaa san worri Miidiyaanii, biyya Gibxi'ii keessatti, ajajaa eeddota mana mootumma'aa ka te'e, qondaalticha mootii Gibxi'ii Phoxiifaaritti Yoseef gurgure.
GEN 38:1 Yennaa san Yihudaan obboleeyyan ifii lakkisee, namicha qachaa Adulaamii, ka maqaan isaa, «Hiiraa» jedhamu tokko bira qubate.
GEN 38:2 Achitti Yihudaan intala nama biyya Kana'aanii, ka maqaan isaa, «Shuwaa» jedhamuu tokkoo dhagge; inni isii fuudhee isii woliin rafe.
GEN 38:3 Isiille ulfoottee ilma deette; innille maqaa isaa «Eer» jedhee baase.
GEN 38:4 Ammalle ulfoottee ilma deette; maqaa isaa, «Onaan» jette.
GEN 38:5 Ammalle dabaltee ilma dhibii deette; maqaa isaa, «Shelaa» jette. Isiin biyya Kiziibiititti mucaa kana deette.
GEN 38:6 Yihudaan ilma ifii angaficha Eer, intala, «Taamaar» jedhantu fuusise.
GEN 38:7 Ilmi Yihuda'aa angafichi, Eer ammoo, Waaqa duratti nama hamaa waan te'eef, Waaqi isa ijjeese.
GEN 38:8 Achiin duuba Yihudaan, Onaanii obboleessa Eeriitiin, «Gara niitii obboleessa keeti ka du'ee dhaqii, isii dhaaliitii, obboleessa keetiif sanyii dabarsi» jedhe.
GEN 38:9 Onaan sanyiin ta isaa akka hin teene waan beekeef, niitii obboleessa ifii woliin yennaa rafu mara, bisaan ifii ka sanyii te'u san lafatti jissee, obboleessa ifii sanyii malee hambure.
GEN 38:10 Wonni Onaan godhe kun Mootii Waan Maraa waan gaddisiitteef, Mootii Waan Maraa isalle ijjeese.
GEN 38:11 Achiin duuba Yihudaan, «Ilmi kiyya akkuma obboleessa ifii du'a» jedhee waan sodaateef, Taamaarii niitii ilma ifiitiin, «Haga ilmi kiyya Shelaan guddatutti haadha hiyyeessaa te'ii mana abbaa keetii tee'i» jedheen; Taamaarille dhaxxee mana abbaa ifii teette.
GEN 38:12 Bara heddu'uun duuba, niitiin Yihuda'aa intalti Shuwa'aa duute; Yihudaan gadda ifii fixateen duuba, ka'ee jaala ifii ka, «Hiiraa» jedhamu, nama qachaa Adulaamii san woliin gara Tiimnaa lafa hoolota isaa irraa rifeensa muranu dhaqe.
GEN 38:13 Namooti, Taamaariin, «Abbaan sodda'aa keeti hoolota ifii irraa rifeensa mursiisiisaaf, Tiimna'atti ol hin baya» jedhane.
GEN 38:14 Shelaan fuudha geyeeraayyu; Taamaar ammoo isatti akka heerumsiifamaa hin jirre dhaggitee, woyaa haadha hiyyeessumma'aa jijjiirattee, fuula ifii shaashi'iin hagooggattee, karaa Tiimnaa dhaqu cinaa, seensuma Enaayimii dura teette.
GEN 38:15 Taamaar fuula ifii shaashi'iin waan hagooggatteef, Yihudaan sagaagaltittii seye malee, isii hin beenne.
GEN 38:16 Isiin niitii ilma isaa akka teete waan hin beekiniif inni gara isi'ii dhaqee, «Si woliin rafuu?» jedheen. Isiin, «Yoo ani si woliin rafe maan naa kennita?» jettee gaafatte.
GEN 38:17 Inni deebisee, «Re'oota tiyya keessaa korbeessa buruusoo sii erga» jedheen. Isiin deebittee, «Haga ati korbeessa buruusoo naa ergitu waan qabadhu tokko naa kenni» jetteen.
GEN 38:18 Yihudaan, «Waan qabattu maan sii kenna?» jedhe. Isiin, «Qubee maqaan keeti irra jiru, waan ittiin mormatti hidhatanu woliin, ulee qabatteertu tanalle natti kenni» jette. Innille kenneefii, isii woliin rafe; isiille isaaf ulfootte.
GEN 38:19 Achiin duuba Taamaar gara manaa dhaxxee, shaashii hagooggatte ifi irraa fuutee, woyaa haadha hiyyeessumma'aa san deebittee uffatte.
GEN 38:20 Yennaa diqqo'oon duuba, Yihudaan qube'ee fi waan ittiin mormatti hidhatanu, ulee dubartitti'itti kenneerulle deebifatiisaaf, buruusoo korbeessa re'e'ee tokko, jaala ifii nama qachaa Adulaamiitiin erge; inni ammoo isii dhaggiisaaf hin dandeenne.
GEN 38:21 Inni namoota qachaa Enaamiitiin, «Sagaagaltittiin seensuma qachaa Enaamii cinaa jirtu takka eessa gorte?» jedhe. Isaan deebisanee, «Lakkii, sagaagaltittiin as hin jirtu» jedhane.
GEN 38:22 Maarre inni gara Yihuda'aa deebi'ee, «Ani dubartittii dhagguu hin dandeenne; namooti achi le'anulle, ‹Sagaagaltittiin as hin jirtu› anaan jedhane» jedhe.
GEN 38:23 Yihudaan deebisee, «Ani korbeessa buruusoo san isi'iif ergeeraayyu; ati ammoo isii dhagguu hin dandeenne; namooti akka nutti hin kolline, waan qabatte san fudhattuu ti» jedhe.
GEN 38:24 Gara ji'a sadiitiin duuba, «Niitiin ilma keetii Taamaar sagaagaltee ulfootteerti» jedhee nami tokko Yihuda'atti hime. Yihudaan, «Gad isii baasa'a, guba'aa ijjeesa'a» jedhee ajaje.
GEN 38:25 Isiin yennaa qabantee gad baate, «Ani abbaa qube'ee fi ulee tanaatiif ulfoye. Qubee maqaan irra jiruu fi waan ittiin hidhatanu woliin, ulee tanalle ilaaliitii, ka eennuu akka te'ane natti himi?» jettee abbaa soddaa ifii Yihuda'atti ergite.
GEN 38:26 Yihudaan meya san hubatee ilaalee, «Waan ani ilma kiyya Shelaa isii fuusisuu dhabeef, isiin na caalaa dhugaa qaddi» jedhe. Inni deebi'ee isii woliin hin ranne.
GEN 38:27 Yennaan Taamaar deettu yennaa geette, lakkuu akka gadha'aa qaddu beekkame.
GEN 38:28 Adoo isiin deyiisatti jirtuu, finni tokko harka gad baafate. Dubartittiin deessittu qaddee, liilana diimaa harka isaatitti hiitee, «Isatti dursee dhalate» jette.
GEN 38:29 Yennaa inni harka ifii keessatti deebifate ammoo, obboleessi isaa dursee dhalate. Dubartittiin deessitelle, «Ati attam attam cassitee baate!» jettee, maqaa isaa «Faares» jette.
GEN 38:30 Achiin duuba, finni liilana diimaa harka irraa qabu dhalate; maqaa isaalle, «Zaaraa» jedhanee baasane.
GEN 39:1 Yoseef gara biyya Gibxi'ii gad geessane; qondaaltota mootii Gibxi'ii keessaa tokkochi, phoxiifaariin nami biyya Gibxi'ii ajajaan eeddota mana mootumma'aa, worra Ishimaa'elootaa ka gara biyya Gibxi'ii isa fide irraa Yoseef bitate.
GEN 39:2 Mootiin Waan Maraa waan Yoseef woliin jiraateef, wonni inni huju teeteef; inni mana goottaa ifii, Phoxiifaarii nama biyya Gibxi'ii keessa le'aa ture.
GEN 39:3 Phoxiifaar akka Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiruu fi hujiin isaa marti akka isaaf teetu akka godhe dhaggee,
GEN 39:4 Yoseefitti gammadee, tajaajilaa ifii godhate; inni ajajaa mana ifii isa godhee, qabeenna ifii mara irralle'etti itti gaafatamaa godhe.
GEN 39:5 Yennaa saniin jalqabee, Mootiin Waan Maraa sababa Yoseefiitiif jedhee, qabeenna manaatii fi fichaa namicha biyya Gibxi'ii san mara eebbise.
GEN 39:6 Tanaaf Phoxiifaar waan qabu mara harka Yoseefiititti lakkise; Phoxiifaar waan nyaatu malee, waan tokkolle'eef hin yaaddawuuyyu. Yoseef akkaa fi dhaaballe'een nama miidhaga'a.
GEN 39:7 Yennaa diqqo'oon duuba niitiin goottaa isaa Yoseef ilaaltee jaalattee, «Ana woliin rafi» jetteen.
GEN 39:8 Inni ammoo didee, niitii goottaa ifii saniin, «Goottaan kiyya waan mana keessaa maraaf tokkolle hin yaaddawu; waan qabu mara irratti itti gaafatamaa na godheera.
GEN 39:9 Mana kana keessatti goottaan kiyya na caalaa baallii hin qabu; ati waan niitii isaa teeteef si malee, wonni inni natti hin kennin hamburate tokkolle hin jiru. Ani attam waan hantuu akkanaa hujee, Waaqa yakka ree?» jedhe.
GEN 39:10 Dubartittiin guyyuma guyya'aan Yoseefitti dubbattulle, inni ammoo isii woliin rafiisa yookiin isii biratti dhaggamiisa didate.
GEN 39:11 Gaafa tokko Yoseef hujii ifii hujatiisaaf, gara manaa yennaa seene, tajaajiltoota manaa keessaa tokkolle achi hin jiranuuyyu.
GEN 39:12 Niitiin goottaa isaa woyaa isaa qabattee, «Koy, na woliin rafi» jetteen. Yoseef ammoo woyaa ifii isii harkatti lakkisee, baqatee manaa baye.
GEN 39:13 Isiin akka inni woyaa ifii isii harkatti lakkisee, alatti baqatee baye yennaa dhaggite,
GEN 39:14 tajaajiltoota mana isi'ii keessa hujanu waantee, «Kunoo, namicha Ibraawicha nu fokkisiisaaf abbaan manaa kiyya as fide kana ilaala'a. Inni hunnaan na woliin rafiisaaf gara kolloo tiyyaa seene; ani ammoo qoonqoo ol qabadhee itti iyye.
GEN 39:15 Inni akka ani qoonqoo ol qabadhee iyye dhage'ee, woyaa ifii na biratti lakkisee, baqatee manaa baye» jette.
GEN 39:16 Isiin haga goottaan isaa galutti woyaa isaa ifi bira keyattee eedde.
GEN 39:17 Achiin duuba isiin, «Garbichi Ibraawichi ati as fidde sun na fokkisiisaaf gara kolloo tiyyaa seene.
GEN 39:18 Akkuma ani qoonqoo ol qabadhee iyyeen, woyaa ifii na biratti lakkisee, alatti baqate» jette.
GEN 39:19 Niitiin isaa, «Garbichi keeti akkana na godhe» jettee waan isatti hinte yennaa dhage'e, goottaan Yoseefii guddoo aare.
GEN 39:20 Tanaaf Yoseef fuudhee, mana hidha'aa ka worri mootichi hiisiseeru keessa jirutti isa galche. Yoseefille hidhaa keessa achi ture.
GEN 39:21 Mootiin Waan Maraa ammoo Yoseef woliin jiraatee, jaalala ifii ka bara baraa isatti mudhisee, ajajaa mana hidha'aa duratti akka Yoseef fudhatama dhaggatu godhe.
GEN 39:22 Ajajaan mana hidha'aa sun, namoota mana hidha'aa keessa jiranu maraa fi waan mana hidha'aa san keessatti hujamu mara irratti Yoseef itti gaafatamaa godhe.
GEN 39:23 Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiraatee, wonni inni huju marti akka isaaf teetu waan godheef, ajajaan mana hidha'aa waan Yoseef itti gaafatamaa itti te'e isatti lakkisee, itti hin yaaddonne.
GEN 40:1 Wonni kun teetee yennaa diqqo'oon duuba, itti gaafatamaan daadhii woyni'ii mootichaatii fi itti gaafatamaan mana sagalee mootichaa yakkaa mooticha gaddisiichu hujane.
GEN 40:2 Mootichi qondaaltota ifii lamaan itti gaafatamaa daadhii woyni'iitii fi itti gaafatamaa mana sagale'eetitti aaree,
GEN 40:3 adduma Yoseef itti hidhameeru, mana ajajaa eeddotaa keessatti akka hidhamanu godhe.
GEN 40:4 Ajajaan mana hidha'aa Yoseefitti isaan kennee, innille isaan tajaajile. Isaan mana hidha'aa keessa yennaa diqqoo turane.
GEN 40:5 Halkan tokko qondaaltoti mootichaa lamaanuu, itti gaafatamaan daadhii woynii mootichaatii fi itti gaafatamaan mana sagalee mootichaa oojjuu oojjatane. Oojjuun tokko tokkoon isaaniituu oojjatane tun, hiikaa adda addaa qaddiiyyu.
GEN 40:6 Boruyyaa ganama yennaa Yoseef gara isaanii dhufe, isaan fuula badaneeranuun dhagge.
GEN 40:7 Inni, «Isin adha maaf fuula baddaneertan?» jedhee isaan gaafate.
GEN 40:8 Isaan deebisanee, «Halkan edaa nuuti lamaanuu oojjuu oojjannee, ammoo nami hiiku tokkolle dhabame» jedhane. Yoseef isaaniin, «Oojjuu hiikiisaaf ka dandeessisu Waaqa; oojjuu teessan natti hima'a» jedhe.
GEN 40:9 Itti gaafatamaan daadhii woynii mootichaa oojjuu ifii Yoseefitti himee, «Ani oojju'uun muka woyni'ii tokko fuula kiyya duratti dhagge;
GEN 40:10 muki woyni'ii sun dameelee sad qabaayyu. Akkuma baala baaseen daraaree, unkuruurrille bilchaate.
GEN 40:11 Ani muduunuu mootichaa qabadheeraayyu; maarre ani unkuruura fuudhee, muduunuu keessatti cunfee, mootichatti kenne» jedhe.
GEN 40:12 Yoseef namichaan, «Hiikkaan Oojjuu teetii tana: dameeleen sadiin sun guyyoota sad.
GEN 40:13 Guyyaa sad keessatti mootichi Gibxi'ii hidhaa keessaa si hiika; yakkaa teeti sii lakkisee, addee hujii teeti duriititti si deebisa; akkuma dur itti gaafatamaa daadhii woyni'ii isaa yennaa teeteertu gootu, muduunuu harka mootichaatitti hin kennita.
GEN 40:14 Yennaa si'iif tolu sanitti ammoo na yaadadhu! Maganne'ee, marroo waan kiyyaa mooticha Gibxi'iititti himiitii, mana hidha'aa kana keessaa na baasiisaan waan dansaa naa godhi!
GEN 40:15 Ani biyya Ibrootaa keessaa hunnaan hatamee dhufe; biyya kanalle'etti waan mana hidha'aa keessa na galchu, waan tokkolle hujee hin jiru» jedhe.
GEN 40:16 Itti gaafatamaan mana sagale'eelle hiikkaan oojju'uu dansaa akka teete dhaggee, oojjuu ifiille Yoseefitti himatee, «Anille oojju'uun daabboon kollonjoon sadiin mataa irra na jirtuun dhagge.
GEN 40:17 Kollonjoo ol aantu keessa sagaleen adda addaa ta mootichaaf qophoottetti jiraayyu; sinbirrooti ammoo kollonjoo san keessaa sagalee san nyaatiisatti jirtiiyyu» jedhe.
GEN 40:18 Yoseef deebisee, «Hiikkaan oojjuu teetii tana: saaxaraan sadiin sun guyyoota sad.
GEN 40:19 Guyyaa sad keessatti mootichi Gibxi'ii hidhaa keessaa si hiikee, morma keeti si irraa mursiiseen duuba reeffa keeti mukatti hin fannisiisa; sinbirrootille foon keeti hin nyaatan» jedhe.
GEN 40:20 Guyyaa sadiin duuba, mootichi biyya Gibxi'ii jila dhaloota ifii irratti, qondaaltota ifiitiif nyaata qopheesse; inni fuula qondaaltota ifii duratti itti gaafatamaa daadhii woyni'ii ifiitii fi itti gaafatamaa mana sagalee ifii hiike.
GEN 40:21 Mootichi itti gaafatamaa daadhii woyni'ii ifii addee isaa ta duriititti deebise; innille akkuma durii muduunuu harka mootichaatitti kenne.
GEN 40:22 Itti gaafatamaa mana sagale'ee ammoo muka irratti fannisiise. Wonni marti akkuma Yoseef isaaniif hiike teete.
GEN 40:23 Itti gaafatamaan daadhii woyni'ii ammoo Yoseef hin qaabanne; inni marroo waan isaa mara dedhe.
GEN 41:1 Woggaa lamaan duuba, mootichi biyya Gibxi'ii oojjuu oojjate; inni oojju'uun laga Nayilii bira dhaabbatee,
GEN 41:2 loon dadansaan gagabboon torba bisaan keessaa bayanee, achi dhadhaabbatanee, marra dheedanuun dhagge.
GEN 41:3 Achiin duuba, ammalle loon huhuqqoon googiraan torba bisaan keessaa bayanee, loon dadansaa gagabboo kaan bira dhaabbatane.
GEN 41:4 Loon huhuqqoon googiraan sun loon dadansaa gagabboo kaan nyaatane. Achiin duuba mootichi dammaqe.
GEN 41:5 Mootichi Gibxi'ii ammalle deebi'ee rafee, lammeessoo oojjuu oojjate. Unkuruurri midhaanii torba midhaan unkuruurfatee, dansoomee agadaa tokko irratti lateeruun dhagge.
GEN 41:6 Saniin duuba, unkuruura midhaanii ka qoore ka qilleensi gara aduun baatuu gube torba lateeruun dhagge.
GEN 41:7 Unkuruurri qomore sun unkuruura midhaanii dadansaa san nyaate. Achiin duuba mootichi dammaqee, akka oojjuu teete beeke.
GEN 41:8 Boruyyaa ganama yaad mootichaa waan raafameef, worra xano'ootii fi worra beekkolee biyya Gibxi'ii maratti ergee waansisee, oojjuu ifii isaanitti hime; nami tokkolle ammoo oojjuu isaa hiikuu hin dandeenne.
GEN 41:9 Achiin duuba itti gaafatamaan daadhii woyni'ii mootichaan, «Ani yakkaa tiyya adha qaabadhe.
GEN 41:10 Yennaa takka ati itti gaafatamaa mana sagale'eetii fi natti mufattee, mana ajajaa eeddotaa keessatti nu hiisitteertaayyu.
GEN 41:11 Adoo achi keessa jirruu nuuti lamaanuu halkanuma tokkocha oojjuu oojjanne; oojjuun sun tokko tokkoonuu hiikkaa adda addaa qaddiiyyu.
GEN 41:12 Dargaggeessi worra Ibrootaa tokko, tajaajilaan ajajaa eeddotaa, hidhaa keessa nu woliin ture. Yennaa nuuti oojjuu teenna isatti hinne; innille hiikkaa oojjuu teennaa nu'uuf hime.
GEN 41:13 Wonni marti akkuma inni jedhe teetee; ani addee tiyyatti deebi'ee, itti gaafatamaan mana sagale'ee ammoo fannifame» jedhe.
GEN 41:14 Tanaaf mootichi Yoseefitti ergee, yoosuma mana hidha'aa keessaa fidane. Innille mataa haadatee, woyaalle jijjiiratee, mooticha dura dhikaate.
GEN 41:15 Mootichi isaan, «Ani oojjuu oojjadheeru qaba. Nami tokkolle ammoo hiikkaa isi'ii naaf himuu hin dandeenne. Ati yennaa oojjuu si'itti himane hiikuu dandeetta jechuu dhage'eera» jedhe.
GEN 41:16 Yoseef deebisee, «Ani oojjuu hiikuu hin dande'u, Waaqi ammoo hiikkaa dansaa oojjuu teetiif hin kenna» jedhe.
GEN 41:17 Achiin duuba mootichi Yoseefiin, «Ani oojju'uun laga Nayilii bira dhaabbadhee,
GEN 41:18 loon dadansaan gagabboon torba laga keessaa bayanee, marra dheedanuun dhagge.
GEN 41:19 Achiin duuba, loon huhuqqoon googiraan dhibiin torba bisaan keessaa bayanuun dhagge. Ani loon akkas jibbisiisanu lafa Gibxi'ii keessatti ijjumaa dhaggee hin beeku.
GEN 41:20 Loon huhuqqoon jibbisiisanu sun, loon dadansaa gagabboo torba ka qaraa san nyaatane.
GEN 41:21 Isaan ammoo loon torba san nyaataneen duuba, akkuma durii huhuqqatanee googiraawanee waan jiranuuf, akka isaan nyaataneeranu nami tokkolle beekuu hin dandeenne. Ani achiin duuba dammaqe.
GEN 41:22 Ani ammalle oojjuu dhibii oojjadhee, unkuruura midhaanii ka midhaan unkuruurfate dadansaa torba agadaa tokko irratti lateeru dhagge.
GEN 41:23 Achiin duuba, unkuruurri qooraan dhibiin torba ka qilleensa gara aduun baatuutiin gubatane torba latane.
GEN 41:24 Achiin duuba unkuruurri qoore sun unkuruura dadansaa torba san liqinsane. Ani oojjuu san worra morutti hime; nami hiikkaa isi'ii naaf hime ammoo tokkolle hin jiru» jedhe.
GEN 41:25 Yoseef mootichaan, «Hiikkaan oojjuu teeti lamaaniituu tokkuma. Waaqi waan gara duraa hujaaru si'itti mudhiseera.
GEN 41:26 Loon dadasaan torba woggaa torba; unkuruurri midhaanii dadansaalle woggaa torba. Hiikkaan oojjuu lamaaniituu tokkuma.
GEN 41:27 Loon huhuqqoon jibbisiisanu torbaa fi unkuruurri midhaanii qooraan qilleensa gara aduun baatuutiin gubatane ka isaaniin duuba dhufane, woggaa beelaa torba.
GEN 41:28 Dubbiin akkuma ani sitti hime, mooticha! Waaqi waan gara duraa hujaaru si'itti mudhiseera.
GEN 41:29 Lafa Gibxi'ii mara keessatti woggooti misa gudda'aa torba hin dhufan.
GEN 41:30 Woggoota torba saniin duuba ammoo, woggooti beelaa torba hin dhufan; woggooti misa gudda'aa ka lafa Gibxi'ii sun duudiin hin dedhama; beelti biyya hin fixxi.
GEN 41:31 Beelti itti aantu hantuu waan teetuuf, woggoota misa gudda'aa san hin dedhan.
GEN 41:32 Oojjuun lamaan ati oojjatte tun waan Waaqaan murteeffamee fi waan inni yennaa dhikoo keessatti godhu'uu jiru mudhitti.
GEN 41:33 «Maarre mooti'i, nama qarumma'aa fi hubantii qabu filadhuutii, biyya Gibxi'ii irratti muudi.
GEN 41:34 Ammalle qondaaltota dhibii worra woggoota misa gudda'aa torba san keessa, midhaan harka shan keessaa tokko fuudhanu filadhuutii muudi.
GEN 41:35 Isaan woggoota dansaa dhufaartu keessatti midhaan mara wolitti guuranee, baallii mootichaa jalatti qachaa keessatti wolitti qabanee eeganuu ti.
GEN 41:36 Woggoota beelaa torba ta biyya Gibxi'ii irratti dhufaartu keessatti, biyyi beelaan akka hin banne, midhaan kun biyyaaf akka te'u maffamanuu ti» jedhe.
GEN 41:37 Yaadi kun mooticha Gibxi'iitii fi qondaaltota isaa mara gammachiise.
GEN 41:38 Mootichi, qondaaltota ifiitiin, «Nuuti nama Ayyaanni Waaqaa keessa jiru ka akkanaa kana dhaggatiisa dandeennaa?» jedhe.
GEN 41:39 Maarre mootichi, Yoseefiin, «Waaqi waan kana mara si'itti mudhiseera. Qaro'oo fi hubataan akka keetii tokkolle hin jiru.
GEN 41:40 Ani biyya tiyya irratti bulchaa si godha. Kolbaan tiyya martille akka ati ajajjutti hin ajajanti. Na qofatti baalli'iin si caala» jedhe.
GEN 41:41 Mootichi Gibxi'ii, Yoseefiin, «Kunoo, ani lafa Gibxi'ii duudii irratti baallii sii kenneera» jedhe.
GEN 41:42 Achiin duuba mootichi qubee ifii ta chaappa'aa ifi irraa baasee, quba Yoseefiititti keye. Inni woyaa quncee talba'aa irraa hujante dansaalle itti uffisee, haachaba worqi'ii morma isaatitti keye.
GEN 41:43 Mootichi garreettaa fardaa ka isatti aanu irra isa teessisee, worri garreettaa farda isaa dura deemanu lallabaa, «Gad jedha'a! Gad jedha'a!» jedhane; mootichi akka kanaan lafa Gibxi'ii mara irratti Yoseefiif baallii kenne.
GEN 41:44 Mootichi Yoseefiin, «Ani mootii te'ulle, eeyyama keetiin malee nami lafa Gibxi'ii keessa jiru marti harka yookiin miila ifii hin tatachoofatu» jedhe.
GEN 41:45 Mootichi, «Zaafenaat-Phane'aa» jedhee maqaa Yoseefiif kenne; intala Phoxii-Feraa hayyicha qachaa Onii, ta «Asenaat» jedhantu, Yoseef heerumsiise. Yoseefille lafa Gibxi'ii duudii keessa deddeeme.
GEN 41:46 Yoseef yennaa mooticha biyya Gibxi'ii tajaajiliisa jalqabe nama woggaa soddomaa ti. Inni mana mootumma'aa lakkisee lafa Gibxi'ii mara keessa deddeeme.
GEN 41:47 Woggaa misaa torba san keessa latti midhaan bacaa kennite.
GEN 41:48 Yoseefille midhaan woggaa misaa torba lafa Gibxi'ii keessatti dhaggame san qachoota keessatti kuuse. Midhaan inni qachuma qacha'atti wolitti qabe sun fichuma adaala qachoota saniitii ka dhaggame.
GEN 41:49 Yoseef midhaan akka maansa qarqara abbaaya'aa bacatu kuuse; midhaan guddoo waan bacateef inni safariisaayyuu lakkise.
GEN 41:50 Woggooti beelaa sun adoo hin dhufin dura, Yoseef ilmaan lama Asenaatii intala Phoxii-Feraa irraa uumate; Phoxii-Feraan hayyicha qachaa Onii ti.
GEN 41:51 Yoseef, «Waaqi rakkinna kiyya maraa fi worra kiyya mara akka dedhu na godhe» jedhee maqaa ilma ifii angafichaa, «Minaasee» jedhee baase.
GEN 41:52 Yoseef ilma lammeesso'oo, «Waaqi lafa ani itti rakkadhetti ijoollee na horsiise» jedhee maqaa isaa, «Efreem» jedhee baase.
GEN 41:53 Woggooti misaa torba ta biyya Gibxi'ii keessaa muummotte.
GEN 41:54 Achiin duuba akkuma Yoseef jedhe, woggooti beelaa torba dhufiisa jalqabane. Biyya dhibii duudii keessa beelti buute; biyya Gibxi'ii ammoo sagaleen jirtiiyyu.
GEN 41:55 Biyya Gibxi'ii duudii keessatti beelti jabaannaan, kolbaan sagale'eef mootichatti iyyite. Inni worra Gibxi'iitiin, «Gara Yoseefii dhaqa'aatii, waan inni isiniin jedhu godha'a» jedhe.
GEN 41:56 Beelti biyya Gibxi'ii duudii keessatti jabaannaan, Yoseef mana kuusa'aa banee midhaan kolbaa Gibxi'iititti gurgure.
GEN 41:57 Beelti biyya lafaa duudii irratti waan jabaatteef, namooti biyya lafaa duudii irraa midhaan Yoseef irraa bitatiisaaf, gara biyya Gibxi'ii dhufane.
GEN 42:1 Yaaqoob midhaan biyya Gibxi'ii akka jiru yennaa beeke, ilmaan ifiitiin, «Maaf cadhittanee woli ilaaltan?
GEN 42:2 Ani biyya Gibxi'ii midhaan akka jiru dhage'eera; nuuti akka hin duuneef, midhaan achii nuuf bita'a» jedhe.
GEN 42:3 Maarre obboleeyyan Yoseefii kudhan biyya Gibxi'iitii midhaan bitatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqane.
GEN 42:4 Yaaqoob wonni hantuun isa irra dhaqqaddi jedhee waan sodaateef, Beniyaaminii tiruu Yoseefii, obboleeyyan isaa worra kaan woliin hin ergine.
GEN 42:5 Lafa Kana'aaniititti beelti waan buuteef, ilmaan Israa'elii kolbaa dhibii hedduu woliin midhaan bitatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqane.
GEN 42:6 Yoseef bulchaa biyya Gibxi'ii waan te'eef, inni worra midhaan bitatiisa dhufuuf midhaan gurgursiisaayyu. Maarre obboleeyyan isaa gara isaa yennaa dhufane, isa duratti fuulaan lafatti gad jedhaneef.
GEN 42:7 Yoseef yennaa obboleeyyan ifii dhagge, isaan eennu akka te'ane beeke; ammoo akka isaan hin beennee te'ee, aari'iin, «Eessaa dhuttane?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Nuuti midhaan bitatiisaaf biyya Kana'aaniitii dhunne» jedhane.
GEN 42:8 Yoseef obboleeyyan ifii beekulle, isaan isa hin beenneeyyu.
GEN 42:9 Achiin duuba Yoseef oojjuu ifii marroo isaanii oojjate qaabatee, isaaniin, «Isin worra woy dooyu; biyyi teenna eessa gulaan dadhabbii akka qaddu ilaaliisaaf dhuttane» jedhe.
GEN 42:10 Obboleeyyan isaa ammoo, «Lakkii, gootta'a. Nuuti tajaajiltooti teeti midhaan bitatiisaaf dhunne.
GEN 42:11 Nuuti martinuu ilmaan abbaa tokkoo ti; nuuti worra addatama'a malee, worra dooyuu moti» jedhane.
GEN 42:12 Yoseef, isaaniin, «Lakkii! Isin biyyi teenna eessa gulaan dadhabbii akka qaddu ilaaliisaaf dhuttaneertan» jedhe.
GEN 42:13 Isaan deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti obboleeyyan kudhanii lama, ilmaan abbaa tokkoo, ka lafa Kana'aanii keessa le'uu ti. Obboleessi keenna maandhichi amma abbaa keenna bira jira. Tokkochi du'eera» jedhane.
GEN 42:14 Yoseef ammoo isaaniin, «Akkuma ani isiniin jedhe: isin worra dooyu.
GEN 42:15 Isin amma tanaan qorqorantan: obboleessi keessan maandhichi haga as dhufutti, ani maqaa mootichaatiin kakadhaa, asii hin baatanu.
GEN 42:16 Isin keessaa nami tokko deemee obboleessa keessan fiduu ti. Wonni isin jettane dhugaa te'uu isi'ii haga qorqorantutti isin worri hafe hin hidhantan. Dubbiin teessan soba yoo teete, maqaa mootichaatiin kakadhaa, isin worra dooyu» jedhe.
GEN 42:17 Achiin duuba Yoseef guyyaa sadiif isaan hiisise.
GEN 42:18 Guyyaa sadeesso'ootitti, Yoseef, isaaniin, «Ani nama Waaqa sodaatu waan te'eef, hin leetaniitii waan ani isinitti himu kana godha'a:
GEN 42:19 Isin namoota addatamu yoo teetane, obboleeyyan teessan keessaa tokkochi as hidhaa keessatti hafuu ti; worri hafe maatii teessan ta beelowiisatti jirtu saniif midhaan ba'atee deemuu ti.
GEN 42:20 Achiin duuba obboleessa keessan maandhicha as naa fida'a. Kanaan akka isin dhugaa dubbatiisatti jirtanu ani hin beeka, isinille hin duutanu» jedhe.
GEN 42:21 Isaan wol woliin, «Nuuti yakkaa obboleessa keenna irratti hunyeef, amma rakkatiisatti jirra; nuuti rakkoo isaa dhagginee, innille akka nuuti isa fayyinnuuf nu kadhatee, nuuti ammoo isa dhage'uu didanne. Nuuti amma sababa kanaaf rakkoo tana keessa jirra» jedhane.
GEN 42:22 Achiin duuba Ruuben, isaaniin, «Ani akka isin mucaa hin miine isinitti himeeraayyu; isin ammoo na dhage'uu diddane. Maarre nuuti amma waan isa irratti hunyeef gatii dhaggatiisatti jirra» jedhe.
GEN 42:23 Yoseef waan isaan jedhanu hin beekaayyu; isaan ammoo karaa nama afaan hiikuutiin isa woliin waan dubbatiisatti jiranuuf, akka inni dubbii isaanii beeku hin beenne.
GEN 42:24 Yoseef isaan biraa deemee bowe; achiin duuba gara isaanii deebi'ee isaanitti dubbate. Isaan keessaa Shimi'oon fuudhee adoo isaan dhagganuu hiisise.
GEN 42:25 Yoseef akka qalqalluu isaanii midhaaniin guutanee, beesee isaan midhaaniif kaffalaneeranu deebisanee, subba tokko tokkoo isaanii keessa keyanee, galaalle galaasanuuf tajaajiltoota ifii ajaje.
GEN 42:26 Obboleeyyan Yoseefii midhaan harree ifiititti fe'atanee achii deemane.
GEN 42:27 Addee halkan bulanetti, isaan keessaa tokkochi harree ifiitiif midhaan kenniisaaf, qalqalluu ifii yennaa hiikee, afaan qalqalluu ifii keessatti beesee ifii dhagge.
GEN 42:28 Inni obboleeyyan ifii waamee, «Beeseen ani midhaaniif kaffale naaf deebiteerti. Kunoo, qalqalluu kiyya keessa jirti!» jedhe. Isaan sodaatanee hollatanee, wol woliin, «Waaqi maan nutti fide?» jedhane.
GEN 42:29 Isaan lafa Kana'aanii gara abbaa ifii Yaaqoobii yennaa dhufane, waan isaan irra dhaqqabe mara isatti himane.
GEN 42:30 Isaan, «Bulchaan biyya Gibxi'ii, aari'iin nutti dubbatee, ‹Biyya tiyya dooyiisa dhuttane› jedhee, nu himate.
GEN 42:31 Nuuti ammoo, ‹Nuuti namoota addatamu malee, worra dooyuu moti.
GEN 42:32 Nuuti obboleeyyan kudhanii lama, ilmaan abbaa tokkoo ti. Obboleessi keenna tokkochi du'eera; tokkochi lafa kana'aanii abbaa keenna woliin jira› jenneen.
GEN 42:33 Achiin duuba bulchaan biyya Gibxi'ii sun, ‹Namoota addatamu te'uu keessan akka ani ittiin beeku, isin keessaa tokko na woliin turuu ti; worri hafe maatii teessan ta beelowiisatti jirtu saniif midhaan fuudha'aa deema'a.
GEN 42:34 Obboleessa keessan maandhicha san as na bira fida'a. Akka kanaan isin namoota addatamu malee, worra dooyu akka isin hin te'in hin beeka; achiin duuba obboleessa keessan ka isin na biratti lakkittane isiniif hin deebisa; isinille as turtanee daldalatuu hin dandeettan› nuun jedhe» jedhane.
GEN 42:35 Isaan qalqalluu ifii keessaa yennaa midhaan baasanu, tokko tokkoon isaaniituu qalqalluu ifii keessatti beesee ifii dhaggane. Isaanii fi abbaan isaanii Yaaqoob yennaa beesee dhaggane sodaatane.
GEN 42:36 Abbaan isaanii Yaaqoob, isaaniin, «Isin akka ani ijoollee tiyya mara dhabu barbaaddanii? Yoseef hin jiru; Shimi'oonille hin jiru; amma Beniyaaminille fudhatanee deemuu barbaaddan. Tun martinuu anuma irratti teete» jedhe.
GEN 42:37 Achiin duuba Ruuben abbaa ifiitiin, «Ani yoo Beniyaamin deebisee gara keeti fiduu dhabe, ilmaan tiyya lamaan ijjeesi; Beniyaamin harka kiyyatti kenni, anille deebisee isa sii fida» jedhe.
GEN 42:38 Yaaqoob ammoo, «Ani Beniyaamin akka si woliin deemu hin lakkisu. Obboleessi isaa waan du'eef, isa qofatti hafe. Yennaa isin gara biyya Gibxi'ii deentanu, rakkinni tokko yoo isa irra dhaqqabe, dulluu tiyya keessa gaddaan akka boolla seenu gootan» jedhe.
GEN 43:1 Lafa Kana'aanii keessa beelti ittuma jabaataa deente.
GEN 43:2 Maatiin Yaaqoobii midhaan isaan biyya Gibxi'iitii fidane san nyaatanee yennaa fixane, abbaan isaanii, «Ammalle gara biyya Gibxi'ii dhaqa'aatii midhaan diqqaa isaa nu'uuf bita'a» jedheen.
GEN 43:3 Yihudaan ammoo abba'aan, «Namichi sun, ‹Isin yoo obboleessa keessan fiddanee woliin dhufuu dhabaattane, deebitanee fuula kiyya hin dhaggitanu› jedhee nu ifi eeggachiiseera.
GEN 43:4 Ati yoo Beniyaamin nu woliin ergite, dhandhee midhaan si'iif hin binna.
GEN 43:5 Yoo isa hin ergin ammoo, bulchaan biyya sanii, ‹Obboleessa keessan fiddanee yoo hin dhufin fuula kiyya dura hin dhikaatina'a› waan nuun jedheeruuf, nuutille achi hin dhandhu» jedheen.
GEN 43:6 Israa'elille, «Isin obboleessa dhibii akka qaddanu namichatti hintanee, maaf rakkoo guddoo natti fiddane» jedhe.
GEN 43:7 Isaan deebisanee, «Namichi marroo teennaa fi marroo maatii teennaa jabeessee nu gaafatee, ‹Abbaan keessan jiraa? Obboleessa dhibii qaddanii?› jedhe. Nuutille gaaffii isaa deebinne. Akka inni, ‹Obboleessa keessan as fida'a› nuun jedhu attam beekuu dandeenna ree?» jedhaneen.
GEN 43:8 Achiin duuba Yihudaan, abbaa ifii Yaaqoobiin, «Nuuti, atii fi ijoolleen teenna beelaan akka hin duune, Beniyaamin na woliin ergi. Nuutille ammuma kaanee ideenna.
GEN 43:9 Ani wobii isaa hin te'a; isaaf itti hin gaafatama. Ani yoo deebisee isa si'iif hin fidin, bara le'ii tiyyaa mara na komadhu.
GEN 43:10 Nuuti adoo turuu dhannee jiraannee, silaa haga ammaa yennaa lama achi geennee deebineerraayyu» jedhe.
GEN 43:11 Achiin duuba abbaan isaanii Yaaqoob, isaaniin, «Yoo akkas teete, waan biyya teennatti dhaggamu keessaa waan irra caalaa tolu: fiqiree, damma, uddowaa, qumbii, midhaan muka ‹Almond› jedhamuu, midhaan meexxi'iille qalqalluu keessan keessa keya'aatii kennansa namichaaf kenna'a.
GEN 43:12 Beeseen gaafa duraa deebitee afaan qalqalluu keessanii keessatti dhaggantelle, hin dedhanteerti fa'aa, deebisa'aa geessa'aaf! Tanaaf beesee harka lama qabadha'aa dhaqa'a!
GEN 43:13 Obboleessa keessanille fudhadha'aatii, ammuma gara namicha sanii deema'a.
GEN 43:14 Waaqi waan mara dande'u, namichi sun akka isin mararee, obboleessa keessan ka dhibii kaanii fi Beniyaaminille akka isiniif gad lakkisu godhuu ti. Ani ijoollee tiyya ka dhabu yoo te'e, dhabuu ti» jedhe.
GEN 43:15 Maarre obboleeyyan sun kennansa sanii fi beesee harka lama san, Beniyaaminille fuudhanee, gara biyya Gibxi'ii ka'ane. Isaan dhaqanee Yoseef dura dhaabbatane.
GEN 43:16 Yoseef yennaa Beniyaamin isaan woliin jiruun dhagge, toowataa mana ifiitiin, «Namoota kana gara mana kiyyaa geessi. Isaan sagalee guyya'aa na woliin waan nyaatanuuf, horii tokko qaliitii qopheessi» jedhe.
GEN 43:17 Toowataan sun akkuma Yoseef itti hime godhee, namoota san gara mana Yoseefii geesse.
GEN 43:18 Namooti sun gara mana Yoseefii waan geeffamaneef sodaatanee, «Nuuti waan beesee gaafa duraa deebitee afaan qalqalluu keennaa keessa keyanteef, achi geeffamaarra. Inni nu lolee, harree teenna fudhatee, garboota ifii nu godhata» jedhanee yaadane.
GEN 43:19 Tanaaf isaan balbala manaa dura yennaa geyane, toowataa mana Yoseefiitiin,
GEN 43:20 «Gootta'a, nuuti tanaan dura yennaa tokko, midhaan bitatiisaaf gara Gibxi'ii dhunneerraayyu.
GEN 43:21 Addee bulletti ammoo, qalqalluu keenna hiinnee, tokko tokkoon keennaayyuu beesee midhaaniin bitanne akkuma jirtuun afaan qalqalluu keennaa keessatti dhaggine; amma beesee san deebinnee finneerra.
GEN 43:22 Midhaan daballee bitatiisaaf beesee daballee finneerra. Yennaa san nama beesee teenna qalqalluu keenna keessa keye nuuti hin beennu» jedhane.
GEN 43:23 Toowataan sun, «Hin yaaddoyina'a. Hin sodaatina'a. Waaqi keessan, Waaqi abbaa keessanii, beesee qalqalluu keessan keessa keyeera. Ani kaffaltii teessan fudhadheera» jedhe. Achiin duuba inni Shimi'oon gara isaanii gad baase.
GEN 43:24 Toowataan sun namoota san gara mana Yoseefii seensisee, bisaan miila dhiqatanu kenneef. Harreelee isaaniitiifille okeya kenne.
GEN 43:25 Isaan akka Yoseef woliin sagalee guyya'aa nyaatanu waan dhage'aneeranuuf, kennansa ifii isaaf kenniisaaf qopheessane.
GEN 43:26 Yennaa Yoseef manatti gale, isaan kennansa qopheessane isaaf kennanee, isa duratti fuulaan lafatti gad jedhaneef.
GEN 43:27 Yoseef nageya isaanii gaafatee, «Jaarsi abbaan keessan sun attam? Haga ammaa hinuma jiraa?» jedhe.
GEN 43:28 Isaan deebisanee, «Garbichi keeti, abbaan keenna, fayya'a; haga ammaalle hinuma jira» jedhaneen. Isaan ulfinna Yoseefiitiif, fuula isaa duratti lafatti gad jedhane.
GEN 43:29 Yoseef obboleessa tiruu ifii Beniyaamin yennaa dhagge, «Obboleessi keessan maandhichi ka isin marroo isaa natti hintane kanaa?» jedhee gaafate. Inni, Beniyaaminiin, «Ilma kiyya, Waaqi si eebbisu» jedhe.
GEN 43:30 Yoseef yennaa obboleessa ifii dhagge, waan itti dhage'ameef, ariifatee gad bayee, kolloo ifii keessa dhaqee achitti bowe.
GEN 43:31 Achiin duuba inni fuula ifii dhiqatee, gad baye. Ifi qabatee, sagalee akka fidanu ajaje.
GEN 43:32 Gibxooti worra Ibrootaa woliin nyaatiis tuffatama waan itti fakkaattuuf, Yoseefiif qorii takka'atti, obboleeyyan isaatiif qorii dhibi'itti, Gibxoota Yoseef biratti akka nyaatanuuf qorii dhibi'itti dhikeessane.
GEN 43:33 Obboleeyyan Yoseefii akkuma angafumma'aa fi maandhummaa isaaniititti, fuula isaa dura tetee'ane. Isaan baaseffatiisaan wol ilaalane.
GEN 43:34 Qorii Yoseefii irraa sagalee fuudhanee isaaniif kennanee, Beniyaaminiif ammoo worra kaan caalaa harka shan kennane. Akka kanaan obboleeyyan Yoseefii isa woliin nyaatanee unanee guddoo gammadane.
GEN 44:1 Yoseef toowataa mana ifii ajajee, «Namoota kanaaf midhaan haga qalqalluun isaanii qabatuu dandu'utti itti guutiif; beesee tokko tokkoo isaaniille afaan qalqalluu isaanii keessa keyi.
GEN 44:2 Muduunuu tiyya ta meetii irraa hujante, beesee inni midhaaniin bitate woliin afaan qalqalluu mucaa maandhichaa keessa keyi» jedhe; toowataalle akkuma Yoseef itti hime godhe.
GEN 44:3 Barii ganamaan obboleeyyan sun harreelee ifii fudhatanee akka deemanu godhane.
GEN 44:4 Adoo isaan qachaa irraa hin fagaatin, Yoseef toowataa mana ifiitiin, «Ka'ii namoota hordof! Yennaa isaan dhaqqadde, ‹Nuuti waan dansaa isiniif goone; isin maaf hantuu nu'uuf gootane?
GEN 44:5 Muduunuun isin hattane ta goottaan kiyya itti uniisaa fi oojjuu hiikiisaaf itti fayyadamuu motii ree? Yakkaan isin hujjane tun guddo'o› jedhiin» jedhe.
GEN 44:6 Toowataan sun yennaa jara dhaqqabe, akkuma Yoseef jedhe isaanitti hime.
GEN 44:7 Isaan toowataa saniin, «Ati goottaa keenna, maaf waan akkanaa dubbatta? Nuuti waan akkasii tokkolle hunyee hin jirru!
GEN 44:8 Nuuti beesee qalqalluu keenna keessatti dhaggineeyyuu biyya Kana'aaniitii finnee si'iif deebinneerra. Maarre nuuti mana goottaa keetii keessaa meetii yookiin worqii maaf hanna ree?
GEN 44:9 Ati yoo nu keessaa qalqalluu nama tokkochaa keessatti muduunuu meeti'ii san dhaggite, inni du'uu ti; nuuti worri hafelle garboolee teeti hin teena» jedhane.
GEN 44:10 Toowataan sun, «Akkuma isin jettane teetuu ti; teetuu malee, nama muduunuu hate qofatti garbicha kiyya te'a. Isin worri hafe ammoo bilisaan deemuu dandeettan» jedhe.
GEN 44:11 Achiin duuba isaan martinuu ariifatanee qalqalluu ifii lafatti gad buusanee hiikane.
GEN 44:12 Toowataan mana Yoseefii sun qalqalluu angafichaa irraa jalqabee haga qalqalluu maandhichaatitti findigee keessa barbaadee, qalqalluu Beniyaaminii keessatti muduunuu dhagge.
GEN 44:13 Obboleeyyan yennaa tana dhaggite woyaa ifii tarsaatte. Achiin duuba qalqalluu ifii harre'etti fe'attee gara qacha'aa deebite.
GEN 44:14 Yihuda'aa fi obboleeyyan isaa yennaa gara Yoseefii deebi'anee dhufane, Yoseef ammalle achuma jiraayyu; tanaaf obboleeyyan isa duratti fuulaan lafatti gad jedhane.
GEN 44:15 Yoseef isaaniin, «Wonni isin gootane kun maan? Nami akka kiyyaa beekkumsa addaatiin woy qorqoree akka beeku hin beettanuu?» jedhe.
GEN 44:16 Yihudaan deebisee, «Nuuti goottaa kiyyaan maan jenna ree? Yakkaameyyii akka hin te'in attamiin ifi mudhisuu dandeenna ree? Waaqi yakkaa teenna mudhiseera; nama muduunuun irratti mudhatte qofa adoo hin te'in, nuuti martinuu garboota teeti hin teenna» jedhe.
GEN 44:17 Yoseef ammoo, «Ani ijjumaa tana hin godhu! Nama muduunuun irratti dhaggame qofatti garbicha kiyya te'a. Isin worri hafe nageyaan gara abbaa keessanii deebi'a'a» jedhe.
GEN 44:18 Achiin duuba Yihudaan gara Yoseefii dhaqee, «Maganne'ee, goottaa kiyya, dubbii takka sitti dubbadha; ati qixxee mooticha Gibxi'ii teetulle natti hin mufatin.
GEN 44:19 Goottaa kiyya, ati tanaan qara, ‹Abbaa yookiin obboleeyyan qaddanii?› jettee nu gaafatte.
GEN 44:20 Nuutille, ‹Abbaa jaarsa qanna. Obboleessa maandhicha abbaan keenna dulluu keessa uumate qanna. Obboleessi ilma maandhicha kanaa du'eera; ijoollee haati isaa dheette keessaa ka jiru isa qofa waan te'eef, abbaan keenna guddoo isa jaalata› jenneerraayyu.
GEN 44:21 Achiin duuba ati, nu'uun, ‹Akka ani ila tiyyaan isa dhaggu, isa gara kiyya fida'a. Ani isa dhagguu barbaada› jette.
GEN 44:22 Nuuti, ‹Mucaan abbaa ifii lakkisee dhufuu hin dande'u; yoo isa lakkisee dhufe, abbaan isaa hin du'a› si goottaa keennaan jenneerraayyu.
GEN 44:23 Ati ammoo, ‹Isin yoo obboleessa keessan maandhicha hin fidin, deebitanee fuula kiyya hin dhaggitanu› nu'uun jetteerta.
GEN 44:24 «Maarre nuuti gara abbaa keennaa deebinee gallee, waan ati jette isatti hinneerra.
GEN 44:25 Achiin duuba, abbaan keenna, ‹Ammalle deebi'a'aatii midhaan diqqaa isaa nuu bita'a› jedhe.
GEN 44:26 Nuuti abbaa keennaan, ‹Obboleessi keenna maandhichi yoo nu woliin hin deemin, fuula namichaa dhagguu hin dandeennu; tanaaf Obboleessi keenna maandhich yoo nu woliin deeme malee, deemuu hin dandeennu› jenneen.
GEN 44:27 Abbaan kiyyalle nu'uun, ‹Niitiin tiyya Raahel ilmaan lama akka naaf deette hin beettan.
GEN 44:28 Isaan keessaa tokkochi na biraa haga bayee jalqabee, ani waan isa hin dhagginiif, dhugumaan bineensatti isa kukkutatee nyaateera jedhee yaade.
GEN 44:29 Isin amma ilma kanalle na duraa fudhatanee, wonni hantuun yoo isa dhaqqadde, akka ani dulluu tiyya keessa gaddaan boolla seenu gootan› jedhe.
GEN 44:30 «Maarre amma, gootta'a, ani obboleessa kiyya maandhicha woliin malee, gara abbaa kiyya tajaajilaa keetii yoo deebi'e, inni akka malee waan isa jaalatuuf,
GEN 44:31 akka inni nu woliin hin jirre yennaa dhagge hin du'a. Nuuti tajaajiltooti teetille abbaa keenna tajaajilaa keeti dulluu keessa gaddaan akka boolla seenu goona.
GEN 44:32 Kana caalaalle ani abbaa kiyya duratti fayyaa muca'aatiif wobii te'ee, abbaa kiyyaan, ‹Ani mucaa keeti deebisee gara keeti yoo hin fidin, bara le'ii tiyyaa mara na komadhu› jedheera.
GEN 44:33 Tanaaf maganne'ee, ani tajaajilaan keeti, addee muca'aa si goottaa kiyyaaf garbicha te'ee, asitti hafuu ti; mucaan ammoo obboleeyyan ifii woliin deebi'uu ti.
GEN 44:34 Mucaan yoo na woliin hin jiraatin, ani attam gara abbaa kiyyaa deebi'uu dande'a ree? Ani gadda abbaa kiyya irratti dhufu san ossatiisa hin dande'u» jedhe.
GEN 45:1 Achiin duuba Yoseef worra isa bira dhaabbatu mara duratti ifi qabatuu dadhabee, «Namoota mara na irraa gad baasa'a» jedhee ajaje; yennaa Yoseef obboleeyyan ifiititti eennummaa ifii hime nami tokkolle isa woliin hin jiruuyyu.
GEN 45:2 Worri Gibxi'iitii fi worri mana mootumma'aalle haga dhage'anutti Yoseef qoonqoo ol qabatee bowe.
GEN 45:3 Yoseef obboleeyyan ifiitiin, «Ani Yoseef. Abbaan kiyya haga ammaa hin jiraa?» jedhe. Obboleeyyan isaa ammoo fuula isaa duratti guddoo waan sodaatteef deebii isaaf deebisuu hin dandeenne.
GEN 45:4 Achiin duuba Yoseef obboleeyyan ifiitiin, «Gara kiyya dhikaadha'a» jedhe. Isaanille gara isaa dhikaatane. Innille isaaniin, «Ani obboleessa keessan Yoseef, ka isin gara biyya Gibxi'ii gurgurtane.
GEN 45:5 Waaqi lubbuu kolba'aa fayyisiisaaf, isiniin dura waan na ergeef, isin waan as na gurgurtaneef hin yaaddoyina'a yookiin ifitti hin aarina'a.
GEN 45:6 Lafa irratti beelti haga buuteen amma woggaa lama; woggaa shanan ammalle dhufu'uu jirtu keessatti hin qotatanu, hin haammatanulle'e.
GEN 45:7 Kolbaan hedduun akka fayyituuf jiruu teessan fayyisiisaan, sanyiin teessan lafa irratti akka hattuuf, Waaqi isiniin dura as na erge.
GEN 45:8 Maarre ka as na erge Waaqa malee, isinii moti. Waaqi qondaala ol aanaa mooticha biyya Gibxi'ii, itti gaafatamaa mana mootummaa mootichaatii fi lafa Gibxi'ii duudii irratti bulchaa na godheera.
GEN 45:9 «Amma ariifadha'aa gara abbaa kiyyaa dhaqa'aatii, ilmi keeti Yoseef, ‹Waaqi lafa Gibxi'ii mara irratti bulchaa na godheera. Hin turinii na bira koy!
GEN 45:10 Lafa natti dhikaattu lafa Gooshenii keessa hin leeta; atii fi ijoolleen teeti, ijoolleen ijoollee teetii, hoole'ee fi re'een teeti, loon keeti, wonni ati qaddu martille natti hin dhikaatan.
GEN 45:11 Ammalle woggooti beelaa shan waan hatteef, ati, maatiin teetii fi horiin keeti akka hin beelonne, ani Gooshenitti waan isinii barbaachisu hin godha› jedha'aatii itti hima'a.
GEN 45:12 «Ani afaan kiyyaan akka isinitti dubbadhe, isinuu dhaggitaneertan, obboleessi kiyya Beniyaamille dhaggeera.
GEN 45:13 Biyya Gibxi'ii keessatti ulfinna guddaa attamii akka ani qabuu fi marroo waan dhaggitanee mara abbaa kiyyatti hima'a. Abbaa kiyyalle ariifadha'aa as fida'a» jedhe.
GEN 45:14 Achiin duuba inni morma Beniyaaminii obboleessa ifii hanqafatee bowe; Beniyaaminille morma isaa hanqafatee bowe.
GEN 45:15 Yoseef obboleeyyan ifii mara sunqatee itti bowe. Tanaan duuba obboleeyyan isaa isa woliin haasowane.
GEN 45:16 Oduun dhufiisa obboleeyyan Yoseefii mana mootumma'aatitti yennaa dhage'ante, mootichi Gibxi'iitii fi qondaaltoti isaa akka malee gammadane.
GEN 45:17 Maarre mootichi, Yoseefiin, «Obboleeyyan teetiin, ‹Geejjiba keessan fe'adha'aatii gara lafa Kana'aanii deebi'a'a.
GEN 45:18 Abbaa keessanii fi maatii teessan gara kiyya fida'a. Ani lafa Gibxi'ii keessaa ta irra caalaa dansa'aa isiniif hin kenna, isinille sagalee dansaa lafa sanii hin nyaattan› jedhi.
GEN 45:19 Dabalii isaan ajajiitii, ‹Garreettaa geejjibaa ka niitota teessan, ijoollee teessanii fi abbaa keessan itti feetanee fiddanu, biyya Gibxi'iitii fudhadha'aa deema'a.
GEN 45:20 Biyya Gibxi'ii keessatti lafa irra caalaa dansa'aa waan dhaggattanuuf, karra teessan ta lakkittanee dhuttanuuf hin qucuucamina'a› jedhiin» jedhe.
GEN 45:21 Maarre ilmaan Yaaqoobii akkuma jedhame godhane. Akkuma mootichi ajaje, Yoseef garreettaa geejjibaatii fi ideensa kara'aatiif galaa isaaniif kenne.
GEN 45:22 Inni woyaa adduu tokko tokkoo isaaniitiifuu kenne; Beniyaaminiif ammoo woyaa adduu shanii fi meetii dhibba sad kenne.
GEN 45:23 Abbaa ifiitiif waan dadansaa biyya Gibxi'iititti dhaggamanu fe'iisa harreele'ee kudhan, dabaleelle ideensa kara'aatiif galaa akka te'u midhaanii fi daabboo, sagalee dhibiille fe'iisa harreelee dhaltu'uu kudhan erge.
GEN 45:24 Inni obboleeyyan ifii ergee, isaanille ka'aaranuun, inni, «Karaa irratti wol hin lolina'a!» isaaniin jedhe.
GEN 45:25 Maarre isaan biyya Gibxi'iitii bayanee, lafa Kana'aanii keessatti gara Yaaqoobii abbaa ifii dhufane.
GEN 45:26 Isaan, abbaa ifiitiin, «Yoseef haga ammaa hin jira! Lafa Gibxi'ii duudii irrattiiyyuu bulchaa te'eera» jedhane. Yaaqoob ammoo nayee gaggabe; inni dubbii isaaniille dhugeeffatiisa hin dandeenne.
GEN 45:27 Te'uu malee waan Yoseef isaaniin jedhe mara yennaa isaan itti himane, gara biyya Gibxi'ii akka ittiin isa fidanu garreettaa geejjibaa ka Yoseef ergelle yennaa dhagge bayyanate.
GEN 45:28 Achiin duuba Yaaqoob, «Ilmi kiyya Yoseef haga ammaa jiraachuun isaa na geetti! Ani adoo hin du'in dhaqee isa dhagguu qaba» jedhe.
GEN 46:1 Maarre Yaaqoob waan qabu mara fudhatee gara biyya Gibxi'ii dhaqiisaaf ka'ee, Bersheebaa yennaa geye, Waaqa Yisihaqii abbaa ifiitiif ciincaa dhikeesse.
GEN 46:2 Halkan Waaqi mudhi'iin, «Yaaqoob, Yaaqoob!» jedhee waame. Yaaqoobille, «Ani kunoo as jira» jedhe.
GEN 46:3 Achiin duuba Waaqi, «Ani Waaqa; Waaqa abbaa keetii ti; ani achitti gosa guddoo waan si godhuuf, gara biyya Gibxi'ii dhaqiisa hin sodaatin.
GEN 46:4 Ani si woliin gara biyya Gibxi'ii hin dhaqa; sanyii teeti gara lafa tanaa deebisee hin fida. Yennaa ati duutu Yoseef harka ifiitiin ila teeti wolitti siif hin qaba» jedhe.
GEN 46:5 Achiin duuba Yaaqoob Bersheeba'aa ka'e. Ilmaan isaalle abbaa ifii Yaaqoob, ilme'ee fi ibidda ifii garreettaa geejjibaa ka mootichi Gibxi'ii akka ittiin dhufanuuf ergetti yaassisane.
GEN 46:6 Isaan horii ifiitii fi waan lafa Kana'aaniititti horatane mara fudhatanee gara biyya Gibxi'ii dhaqane. Akka kanaan Yaaqoob sanyii ifii mara woliin,
GEN 46:7 ilmaan ifiitii fi ilmaan ilmaan ifii woliin, ijoollee durraa ta ilmaan ifiitii fi maatii ifii mara woliin gara biyya Gibxi'ii dhaqe.
GEN 46:8 Israa'elooti gara biyya Gibxi'ii dhaqane, sanyiin Yaaqoobii ta asii gad jirtu. Ilma angaficha Yaaqoobii Ruubenii
GEN 46:9 fi ilmaan Ruubenii: Henok, Faluu, Hezronii fi Karmi.
GEN 46:10 Ilmaan Shimi'oonii: Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul; Shaawul dubartii worra Kana'aaniititti deye.
GEN 46:11 Ilmaan Lewwi'ii: Gershoon, Qehaatii fi Meraar.
GEN 46:12 Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaan, Shelaa, Faaresii fi Zaara'a (Eerii fi Onaan ammoo lafa Kana'aanii keessatti du'ane). Ilmaan Faaresii: Hezronii fi Hamul.
GEN 46:13 Ilmaan Yisaakorii: Tolaa, Fuwaa, Yobii fi Shimroon.
GEN 46:14 Ilmaan Zebuloonii: Sered, Eloonii fi Yaahile'el.
GEN 46:15 Ilmaan Yaaqoobii ta Liyaan niitii isaa phaadaan-Aaramitti deetteef, intala isaa Dinaalle dabalatee, wolumatti ilmaan isaatii fi ilmaan ilmaan isaa soddomii sad.
GEN 46:16 Ilmaan Gaadii: Ziifiyon, Haagii, shunii, Esbon, Erii, Arodii, Ar'eli.
GEN 46:17 Ilmaan Asheerii: Yiimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Berii'a; obboleettiin isaanii Sera'a; ilmaan Berii'aa: Heberii fi Malkii'el.
GEN 46:18 Isaan kudhanii jaa kun, ta Laabaan intala ifii Liya'aaf garbumma'aan kenne, Zilfaa irraa ka dhalatane, ilmaan ilmaan Yaaqoobii ti.
GEN 46:19 Ilmaan Raahelii niitii Yaaqoobii Yoseefii fi Beniyaamin.
GEN 46:20 Biyya Gibxi'iititti Yoseef intala Phoxii-Feraa hayyicha Onii, Asenaati irraa Minaase'ee fi Efreem uumate.
GEN 46:21 Ilmaan Beniyaaminii: Bel'aa, Beker, Ashbel, Geraa, Na'amaan, Ehii, Roshi, Mufiim, Hufiimii fi Ardi'i.
GEN 46:22 Ilmaan Yaaqoobii worri Raahel deetteef kun ijoollee isaanii woliin wolumatti nama kudhanii afur.
GEN 46:23 Ilmi Daanii Hushiim.
GEN 46:24 Ilmaan Naftaalemii: Yaahize'el, Gunii, Yezerii fi Shiilem.
GEN 46:25 Isaan torbaan kun, ta Laabaan intala ifii Raaheliif garbumma'aan kenne, Bilhaa irraa ka dhalatane, ilmaan ilmaan Yaaqoobii ti.
GEN 46:26 Namooti Yaaqoob woliin gara biyya Gibxi'ii dhaqane, dubartoota ilmaan isaa adoo itti hin dabalin, sanyii isaa ka te'ane callaan namoota jaatamii jaa.
GEN 46:27 Ilmaan lama ta biyya Gibxi'ii keessatti Yoseefiif dhalatte woliin laakkossi maatii Yaaqoobii torbaatama.
GEN 46:28 Yaaqoob akka Yoseef Gooshen keessatti isa dhagguuf Yihudaa ifiin dura gara isaa erge. Yaaqoobii fi kolbaan isaa yennaa lafa Gooshenii geyane,
GEN 46:29 Yoseef abbaa ifii Yaaqoob qophatiisaaf garreettaa fardaa qopheeffatee, Gooshen dhaqe. Yoseef akkuma abbaa ifii dhaggeen, morma isaatitti maratee, yennaa dheertu'uuf bowe.
GEN 46:30 Yaaqoob Yoseefiin, «Haga ammaa akka ati lubbu'uun jirtu waan dhaggeef, ani amma du'ulle hin qoru!» jedhe.
GEN 46:31 Achiin Yoseef obboleeyyan ifiitii fi maatii abbaa ifiitiin, «Ani ol deemee mootichaan, ‹Obboleeyyan tiyyaa fi maatiin abbaa kiyyaa ka lafa Kana'aanii turane gara kiyya dhufaneeran.
GEN 46:32 Isaan worra horii tissu; isaan duruuyyuu horii horsiisaa turane. Ammalle hoole'ee fi re'ee ifii, loon ifiitii fi waan qabanu maraayyuu fidatanee dhufaneeran› jedhaan.
GEN 46:33 Mootichi isin waamee, ‹Hujiin teessan maan?› jedhee yennaa isin hin gaafate,
GEN 46:34 isin, ‹Nuuti garbooti teeti akkuma abbootii teenna ta durii, ijoollummaa teennaa jalqannee tissitoota hori'ii ti› jedha'aan. Tana yennaa jettane, worri Gibxi'ii tissitoota waan tuffatanuuf, lafa Gooshenii keessa le'iisaaf eeyyama hin dhaggatan» jedhe.
GEN 47:1 Yoseef gara mooticha Gibxi'ii dhaqee, «Abbaan kiyyaa fi obboleeyyan tiyya, hoolotaa fi re'oota ifii, horii ifiitii fi waan qabanu mara woliin lafa Kana'aaniitii dhufaneeran. Isaan amma lafa Gooshenii keessa jiran» jedhe.
GEN 47:2 Inni obboleeyyan ifii keessaa nama shan filee mooticha dura dhikeesse.
GEN 47:3 Mootichi, «Hujiin teessan maan?» jedhee obboleeyyan Yoseefii gaafate. Isaan deebisanee, «Nuuti, tajaajiltooti teeti, akkuma abbootii teenna ta durii, horsiittuu hoole'ee ti.
GEN 47:4 Lafa Kana'aanii keessa beelti waan jabaatteef, horiin keennalle marra dheedu waan dhabeef, nuuti yenna'aaf as le'iisaaf dhunneerra. Tanaaf maganne'ee, lafa Gooshenii keessa akka leenu nuu eeyyami» jedhane.
GEN 47:5 Achiin duuba Mootichi Gibxi'ii Yoseefiin, «Abbaan keetii fi obboleeyyan teeti eega sii dhufanee,
GEN 47:6 Latti Gibi'ii kunoo harka keeti jirti; biyya Gibxi'ii keessaa lafa irra caalaa dansa'aa Gooshenitti isaan qussiisi. Isaan keessaa dandeettii addaa ka qabanu yoo jiraatane, horii kiyya irratti itti gaafatantoota godhi» jedhe.
GEN 47:7 Achiin duuba Yoseef abbaa ifii Yaaqoob ol seensisee mooticha dura dhikeesse; Yaaqoobille mooticha eebbise.
GEN 47:8 Achiin duuba mootichi, «Woggaan teeti meeqa?» jedhee Yaaqoob gaafate.
GEN 47:9 Yaaqoobille, «Ani asii fi achi daaqaa woggaa dhibbaa fi soddoma tureera. Woggooti sunille abbootiin tiyya ta durii asii fi achi daaqaa ta turte caalaa diqqo'oo fi rakkinnaan ta guutante» jedheen.
GEN 47:10 Achiin duuba Yaaqoob mooticha eebbisee biraa deeme.
GEN 47:11 Maarre Yoseef akkuma mootichi ajaje abbaa ifiitii fi obboleeyyan ifii lafa Gibxi'ii keessaa addee irra dansa'aa, qachaa Raamsesii bira lafa kenneef.
GEN 47:12 Yoseef abbaa ifii, obboleeyyan ifiitii fi worra mana abbaa ifii maraaf, akkuma laakkossa nama harka isaanii eegatuutitti sagalee isaaniif kenne.
GEN 47:13 Lafa duudii keessa beelti waan jabaatteef, wonni nyaatanu dhabame; kolbaan Gibxi'iitii fi Kana'aanii beelaan guddoo miidhante.
GEN 47:14 Yoseef beesee namooti biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii ittiin midhaan bitatane mara wolitti qabee, gara mana mootummaa mooticha Gibxi'ii fide.
GEN 47:15 Beeseen worra Gibxi'iitii fi Kana'aanii yennaa dhumatte, worri Gibxi'ii martinuu gara Yoseefii dhufee, «Nuuti maaf ila teeti duratti duuna? Beeseen teenna dhumatteerti. Sagalee nuu kenni» jedhane.
GEN 47:16 Yoseef deebisee, «Beeseen isin duraa yoo dhumatte, horii keessan fida'a! Ani jijjiirraa isaanii midhaan isiniif hin kenna» jedhe.
GEN 47:17 Maarre kolbaan horii ifii gara Yoseefii fiddee, inni jijjiirraa fardoo, hoolee, re'ee, loonii fi harree isaaniitiif sagalee isaaniif kenne. Woggaa san inni jijjiirraa horii isaanii maraaf sagalee isaaniif kenne.
GEN 47:18 Woggaan sun yennaa dabarte, woggaa itti aantu isaan gara isaa dhufanee, «Beeseen teenna akka dhumatte, horiin keennalle keeti akka te'e, si goottaa keenna hin dhossinu; nafaa fi lafa teenna malee, wonni nuuf hafe tokkolle hin jiru.
GEN 47:19 Nuutii fi latti teennalle ila teeti duratti bannaa ree? Nu'uu fi lafa teennalle bitadhuutii sagalee nuu kenni; nuuti lafa teenna woliin mootichaaf garboota hin teena. Nyaannee jiru'uun akka leenuuf midhaan nuu kenni; latti teennalle duwwaa akka hin teene sanyii facaafannu nuu kenni» jedhane.
GEN 47:20 Maarre Yoseef lafa biyya Gibxi'ii mara mootichaaf bite. Beelti waan jabaatteef, nami Gibxi'ii martinuu lafa ifii Yoseefitti gurgure; Lattille qabeenna mootichaa teete.
GEN 47:21 Yoseef biyya Gibxi'ii qacce'ee haga qacce'eetitti kolbaa garboota mooticha Gibxi'ii godhe.
GEN 47:22 Yoseef lafa hayyootaa callaa hin binne; hayyooti durgoo yennaa mara mooticha irraa waan fudhatanuuf, isaan lafa ifii hin gurgurre.
GEN 47:23 Yoseef kolba'aan, «Ani amma isinii fi lafa teessan mootichaaf waan biteef, kunoo ani sanyii isiniif hin kenna, fichaa keessanitti facaafadha'a.
GEN 47:24 Ammoo yennaa midhaan galutti, harka shan keessaa tokko mootichaaf hin kennitan. Harka afur ka hafe sanyi'iif, sagalee teessaniif, sagalee worra keessaniitii fi ijoollee teessanii te'uu ti» jedhe.
GEN 47:25 Isaan deebisanee, «Ati lubbuu teenna hamburteerta; gootta'a, si'uma duratti fudhatama dhagganuu ti; nuuti garboota mootichaa hin teena» jedhane.
GEN 47:26 Maarre Yoseef biyya Gibxi'ii keessatti harka shan keessaa tokko mootichaaf akka kennamu seera haga adhaa jiru tume. Latti qabeenna mootichaa hin te'in lafa hayyootaa qofa.
GEN 47:27 Israa'elooti biyya Gibxi'ii lafa Gooshenii keessa le'ane. Isaan achitti qabeenna dhaggatanee, ijoollee horanee laakkossaan bacatane.
GEN 47:28 Yaaqoob biyya Gibxi'ii keessa woggaa kudhanii torba le'e; woggaan isaalle dhibba tokkoo fi afurtamii torba teete.
GEN 47:29 Yennaan Yaaqoob du'u dhikaannaan, inni ilma ifii Yoseef gara ifii waamee, «Ani si duratti fudhatama yoo qabaadhe, harka keetiin gudeeda kiyya qabadhuu akka biyya Gibxi'ii keessatti na hin awwaalle naaf kakadhu.
GEN 47:30 Yennaa ani du'e, biyya Gibxi'ii keessaa fuudhii na baasiitii, addee abbootiin tiyya itti awwaalamanetti na awwaali» jedheen. Yoseef deebisee, «Ani akkuma ati jette hin godha» jedhe.
GEN 47:31 Yaaqoob, «Anaaf kakadhu» jedheen; Yoseefille akka tana godhu kakate. Achiin duuba Yaaqoob mataa taqee ifii irratti Waaqaaf sagade.
GEN 48:1 Yennaa diqqo'oon duuba, «Abbaan keeti dhibameera» jedhanee Yoseefitti himane. Maarre inni ilmaan ifii lamaan Minaase'ee fi Efreem fudhatee gara abbaa ifii dhaqe.
GEN 48:2 Yennaa, «Ilmi keeti Yoseef gara keeti dhufeera» jedhanee Yaaqoobitti himane, inni ifi jajjabeessee, ol jedhee taqee ifii irra tee'e.
GEN 48:3 Yaaqoob, Yoseefiin, «Waaqi waan mara dande'u, lafa Kana'aanii keessa, addee, ‹Luz› jedhantutti natti mudhatee na eebbisee,
GEN 48:4 ‹Ani si horsiisee si hin baceessa. Abbaa kolbaa heddu'uu si hin godha; lafa tana haga bara baraa sanyii teetiif hin kenna› anaan jedhe.
GEN 48:5 «Tanaaf ilmaan teeti lamaan, ta adoo ani gara keeti achi hin dhufiniin dura biyya Gibxi'ii keessatti sii dhalatte, amma tiyya; Efreemii fi Minaaseen akkuma Ruubenii fi Shimi'oonii kiyya hin te'an.
GEN 48:6 Ijoolleen ati isaaniin duuba uumatte keeti hin te'an; isaan dhaala ifii maqaa obboleeyyan ifii Efreemiitii fi Minaase'eetiin dhaggatan.
GEN 48:7 Yennaa ani phaadaan-Aaramii deebi'u biyya Kana'aanii keessatti Efraataa geyaaruun, Raahel kara'atti na duraa duutee, karaa Efraataa dhaqu cina'atti awwaale» jedhe. Efraataan amma, «Betlihem» jedhama.
GEN 48:8 Yaaqoob yennaa ilmaan Yoseefii dhagge, «Isaan kun eennu fa'a?» jedhee gaafate.
GEN 48:9 Yoseef deebisee abbaa ifiitiin, «Isaan ilmaan tiyya ta Waaqi as biyya tanatti naaf kenne» jedhe. Yaaqoob, «Akka ani isaan eebbisu gara kiyya fidi!» Yoseefiin jedhe.
GEN 48:10 Yennaa tana Yaaqoob waan dulloomeeruuf ilti isaa caararroottee, hubatee dhagguu hin dandeenne. Maarre Yoseef ilmaan ifii gara isaa fide; innille hanqafatee sunqate.
GEN 48:11 Yaaqoob, Yoseefiin, «Ani deebi'ee ijjumaa si dhagga jedhee hin yaadanne; amma Waaqi ijoollee teetiiyyuu na dhaggisiise» jedhe.
GEN 48:12 Achiin duuba Yoseef jilba abbaa ifii irraa isaan kaasee, inni ifiif lafatti gad gombifame.
GEN 48:13 Yoseef ilmaan ifii lamaanuu fuudhee, Efreem midda ifiitiin Yaaqoobiif gara bita'aatiin, Minaasee bitaa ifiitiin Yaaqoobiif gara middaatiin itti dhikeesse.
GEN 48:14 Yaaqoob ammoo harka ifii wol qaxxaamursee harka ifii middicha mataa Efreemii maandhichaa irra, harka ifii bitaacha mataa Minaasee angafichaa irra keye.
GEN 48:15 Achiin duuba inni Yoseef eebbisee, «Waaqi abbootiin tiyya Abrahaamii fi Yisihaq tajaajilte jiruu tiyya mara haga adhaa ka na eege.
GEN 48:16 Ergamaan miidhaa mara irraa na wode inni ijoollee tana eebbisuu ti. Maqaa kiyya, maqaa abbootii tiyyaa Abrahaamii fi Yisihaqii waansisanee, lafa irrattille horanee bacatanuu ti» jedhe.
GEN 48:17 Yoseef yennaa abbaan isaa harka ifii middicha mataa Efreemii irra keyeeruun dhagge itti hin gammanne; maarre inni harka abbaa ifii mataa Efreemii irraa gara mataa Minaase'ee dabarsiisaaf qabe.
GEN 48:18 Yoseef abbaa ifiitiin, «Abbaa kiyya, akkasii moti! Kun angaficha waan te'eef, harka keeti middicha mataa isaa irra keyi!» jedhe.
GEN 48:19 Abbaan isaa ammoo didee, «Ani hin beeka, ilma kiyya, ani hin beeka. Sanyiin Minaase'eelle kolbaa guddoo hin teeti; te'uu malee, obboleessi isaa maandhich isa hin caala; sanyiin isaalle kolbaa biyya adda addaa guddoo hin teeti» jedhe.
GEN 48:20 Maarre inni guyyaa san isaan eebbisee, «Israa'elooti, ‹Waaqi akka Efreemii fi Minaase'ee si godhuu ti› jedhanee maqaa keetiin nama hin eebbisan» jedhe. Akkasiin Yaaqoob Efreem Minaase'een dura aanse.
GEN 48:21 Achiin duuba Yaaqoob Yoseefiin, «Kunoo, ani du'aara; Waaqi ammoo si woliin jiraatee gara lafa abbootii teetii si hin deebisa.
GEN 48:22 Ani ka obboleeyyan teeti woliin qoodantane caalaa, lafa dansaa Sheekemii ta shallaaga'aa fi guubee worra Amoorotaa irraa fudhadhe si'iif hin kenna» jedhe.
GEN 49:1 Achiin duuba Yaaqoob ilmaan ifii waammatee, «Waan gara duraa isinitti dhufu akka isinitti himuuf, wolitti dacha'a'a!
GEN 49:2 «Ilmaan Yaaqoobii, wolitti dacha'a'aa dhage'a'a; abbaa keessan Yaaqoob dhage'a'a.
GEN 49:3 «Ruuben, ati ilma kiyya angaficha, hunna tiyyaa fi jabeenna kiyya ka qaraa ti; ulfinnaa fi hunnaan ilmaan tiyya mara hin caalta.
GEN 49:4 Te'uu malee, ati ka akka bisaanii daaquu waan teeteef, obboleeyyan teeti hin sooressitu; rifanoo abbaa keetii irra waan baateef, dubartoota gursumeeyyii abbaa keetii woliin ratteerta.
GEN 49:5 «Shimi'oonii fi Lewwiin obboleeyyan; shallaagaan isaanii meya isaan hunnaan nama irratti ka'anu.
GEN 49:6 Isaan aari'iin namoota waan ijjeesaneef, taphaaf jedhanee korommii waan mogolchaneef, ani marii isaaniititti hin galu; yaa'ii isaaniille hin qoodamu.
GEN 49:7 Aariin isaanii jadduu, mufiin isaanii gadhi-jabeettii waan teeteef, ta abaarante teetuu ti! Ani gosa Yaaqoobii odduu isaan qoqoodee Israa'el keessa isaan hin bittinneessa.
GEN 49:8 «Yihuda'a, obboleeyyan teeti si hin leellisan; ati diina keeti hin injifatta; ilmaan abbaa keetii si duratti gad hin jedhan.
GEN 49:9 Ilmi kiyya Yihudaan akka ilmee neenqaa, ta adamo'oo gara mandhee ifii deebituu ti. Akka neenqaa diriirfatee irkata; eentu isa kaasiisaaf itti guula?
GEN 49:10 Ka kolbaan duudiin ajajantuuf, haga bara baraa ka bulchu, ka mootummaan isaaf malte, haga dhufutti, bokkuun harka Yihuda'aatii hin baatu. Mootoleen maatii Yihuda'aa irraa hin dhufan; nami tokko Yihudaa irraa yennaa mara barcumaa mootumma'aa irra hin tee'a. Ka mootummaan isaaf malte haga dhufutti Yihudaan hin bulcha; gosi biyya adda addaalle isaaf hin ajajaman.
GEN 49:11 Inni woynii bacaa qaba; harree ifii muka woyni'iititti, ilmayyoo harree ifii woynii filatantetti hidhata. Inni woyaa ifii daadhii woyni'iitiin, bullukkoo ifii dhiiga midhaan woyni'iitiin dhiqata.
GEN 49:12 Ilti isaa daadhii woyni'ii caalaa diimatti; ilkaan isaa aanan caalaa addaata.
GEN 49:13 «Zebuloon qarqara abbaaya'aa hin le'a; qarqarri abbaaya'aa ka isaa sun lafa buufata hoboloota gugurddo'oo hin te'a. Meessaan lafa isaa Sidoon hin te'a.
GEN 49:14 «Yisaakor akka harree jadduu, wodhakkaa fe'iisaa ciittuu ti.
GEN 49:15 Ammoo addeen isaa ta fooraa dansaa, latti isaalle attam akka gammachiittu yennaa dhagge, fe'amiisaaf dudda ifii cillaaffatee garba te'a.
GEN 49:16 «Daan kolbaa ifii gosa Israa'elii keessaa takkattii hin bulcha.
GEN 49:17 Daan akka dhudhuufaa karaa irgaa, akka buutii daandii cina'aa, ta kottee fardaa idditee nama irra tee'eeru irraa buuttuu ti.
GEN 49:18 «Ee Mootii Waan Maraa, ani fayyisiisa keeti eegadha.
GEN 49:19 «Saantuun Gaad hin miiti; inni ammoo deebisee isaan hin miidha.
GEN 49:20 «Latti Asheerii sagalee dansaa bacaa kenniti. Inni sagalee mootichaaf teetu hin kenna.
GEN 49:21 «Naftaalem akka ilmee dansaa gadansaa bilisa; inni jechoota dadansaa dubbata.
GEN 49:22 «Yoseef akka muka woyni'ii midhaanicha, madda bira jiru, ka dameen dalleya irra baatuu ti.
GEN 49:23 Worri daaya qabatu isa duchiisanee, diinumma'aan daaya itti gad lakkisan.
GEN 49:24 Ammoo hunna Waaqa Yaaqoobiitiin, maqaa tissee jabaa Israa'eliitiin, guubeen isaatii fi irreen isaa hin jabaatti.
GEN 49:25 Waaqi abbaa keetii ka si qarqaaru, Waaqi waan mara dande'u, rooba gubba'aatiin, madda golbaatiin, horii heddu'uu fi ijoollee hedduu kenniisaan si eebbisu.
GEN 49:26 Eebbi abbaa keetii waan eebba gaarota bara duriitii jalqabanee jiranuu fi kooba bara baraa irraa dhagganu caala. Eebbi kun marti mataa Yoseefii, ka obboleeyyan ifii irraa adda baye surrii isaa irratti bu'uu ti.
GEN 49:27 «Beniyaamin akka yayyii beelottee ti; ganamaan waan adanse nyaata; galgala waan booji'e qoqooda» jedhe.
GEN 49:28 Gosi Israa'elii kudhanii lama isaan kana. Abbaan isaanii eebba isaaniif te'uun tokko tokkoo isaanii yennaa isaan eebbise, wonni isaaniin jedhe tana.
GEN 49:29 Achiin duuba Yaaqoob, isaan gorsee, «Ani du'uu geyeera; isin abbootii tiyya woliin goda fichaa Efronii namicha biyya Heetii keessatti na awwaala'a.
GEN 49:30 Godi sun lafa Kana'aanii keessa, Mamree irraa gara aduun baatu, fichaa Makfela'aa keessa jirti; Abrahaam fichaa godi awwaalaa tun keessa jirtu, addee awwaalaatiif Efronii heeticha irraa bitate.
GEN 49:31 Abrahaamii fi niitii isaa Saaraa achitti awwaalane; Yisihaqii fi niitii isaa Ribqaa achitti awwaalane; anille Liyaa achitti awwaale.
GEN 49:32 Fichaan sunii fi godi fichaa san keessaa sun namoota biyya Heetii irraa bitamane» isaaniin jedhe.
GEN 49:33 Yaaqoob ilmaan ifiititti gorsee yennaa fixe, miila ifii taqee irratti ol deebifatee, du'ee, gara kolbaa ifii ta addee dhuga'aa jirtuu gale.
GEN 50:1 Yennaa Yaaqoob du'e, Yoseef fuula abbaa ifii irratti jigee itti bowee sunqate.
GEN 50:2 Achiin duuba Yoseef tajaajiltoota ifii ogeeyyii qorsaa, akka reeffa abbaa isaa qorsaan sukkuumanee gossanu ajaje. Maarre ogeeyyiin qorsaalle akkuma Yoseef ajaje godhane.
GEN 50:3 Reeffa qorsaan sukkuumanee gossuun, guyyaa afurtama waan fudhatuuf, isaan guyyaa afurtamatti hobbaasane. Worri Gibxi'iille guyyaa torbaatama isaaf bowe.
GEN 50:4 Isaan yennaa nageeffatane, Yoseef qondaaltota mootichaatiin, «Ani yoo isin duratti fudhatama dhaggadhe, maganne'ee mootichaan,
GEN 50:5 ‹Abbaan kiyya yennaa du'a geyeeru, addee awwaalaa ta inni ifiif qopheeffate, lafa Kana'aanii keessatti akka ani isa awwaalu na kakachiiseera; tanaaf maganne'ee, dhaqee abbaa kiyya awwaaladhee deebi'a› jedha'aatii naaf hima'a» jedhe.
GEN 50:6 Mootichi deebisee, «Akkuma inni si Kakachiise, dhaqiitii abbaa keeti awwaali» jedheen.
GEN 50:7 Maarre Yoseef abbaa ifii awwaaliisaaf dhaqe. Qondaaltoti mootichaa marti, jaarsoleen mana mootummaa isa keessa jiranuu fi jaarsoleen lafa Gibxi'ii marti Yoseef woliin dhaqane.
GEN 50:8 Akkasuma maatiin Yoseefii, obboleeyyan isaatii fi maatiin abbaa isaa duudiin isa woliin dhaqane. Ijoollee didiqqoo, re'ee, hoole'ee fi loon isaanii qofatti lafa Gooshenii keessatti hafe.
GEN 50:9 Worri garreettaa fardaatii fi abbootiin fardaalle isa woliin dhaqane. Gobbuun sun akka malee guddo'o.
GEN 50:10 Isaan laga Yordaanosiitiin gama eeddummee Axaadii bira yennaa geyane, abbaa ifiitiif wiiccifatanee bowane; Yoseef achitti guyyaa torba abbaa ifiitiif boochise.
GEN 50:11 Worri lafa Kana'aanii keessa le'anu bowicha namoota eeddummee Axaadii biraa dhagganee, «Worri Gibxi'ii bowiisa guddaa bowiisatti jiran!» jedhanee, maqaa addee sanii, «Abeel-Miizraayim» jedhanee baasane; hiikkaan afaan Ibrootaatiin, «Bowa worra Gibxi'ii» jechu'u. Addeen sun laga Yordaanosiitiin gamatti dhagganti.
GEN 50:12 Maarre ilmaan Yaaqoobii akkuma inni isaan ajaje godhane;
GEN 50:13 ilmaan isaa reeffa isaa lafa Kana'aaniititti geessanee, goda awwaalaa ta fichaa Makfela'aa keessatti, ta Mamree irraa gara aduun baatu jirtutti awwaalane. Goda awwaalaa tana Abrahaam addee awwaalaa akka teetuuf Efronii namicha biyya Heetii irraa bitate.
GEN 50:14 Yoseef abbaa ifii awwaaleen duuba, obboleeyyan isaatii fi worra abbaa isaa awwaaliisaaf isa woliin deemaneeranu mara woliin gara biyya Gibxi'ii deebi'e.
GEN 50:15 Yaaqoob du'een duuba, Obboleeyyan Yoseefii, «Yoseef haluu qabatee, waan hantuu nuuti isa irratti hunye maraaf haluu nu bayinaa?» jedhane.
GEN 50:16 Maarre isaan ergaa gara Yoseefii erganee, «Abbaan keeti adoo hin du'in dura nu ajajee,
GEN 50:17 ‹Yakkaa obboleeyyan teetiitii fi balleessaa isaan hujanee si miidhane, isaaniif lakkis› jennee akka sitti hinnu nutti himeera; tanaaf amma nu tajaajiltooti Waaqa abbaa keetii yakkaa nuuti si yakkine mara maganne'ee nuu lakkis!» jedhane. Yoseef yennaa ergaa tana dhage'e bowe.
GEN 50:18 Achiin duuba obboleeyyan isaalle dhufanee, isa duratti jiganee, «Nuuti garboota teeti» jedhane.
GEN 50:19 Yoseef ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani bakka Waaqaa hin bu'u.
GEN 50:20 Isin hantuu na godhiisaaf mala dhoottane; Waaqi ammoo gara waan dansa'aa jijjiire; inni lubbuu namoota heddu'uu ka ammaa fayyisiisaaf tana godhe.
GEN 50:21 Maarre hin sodaatina'a. Ani isinii fi ijoollee teessaniif waan barbaachisu hin kenna» jedhe. Yoseef gadhi-laafinnaan obboleeyyan ifiititti dubbatee isaan jajjabeesse.
GEN 50:22 Yoseefii fi maatiin abbaa isaa biyya Gibxi'ii keessa turane. Yoseef woggaa dhibbaa fi kudhan le'ee du'e.
GEN 50:23 Yoseef ijoollee Efreemiitii fi ijoollee ijoollee Efreemii dhagge. Akkasuma ijoollee Maakiirii ilma Minaase'eelle akka ijoollee ifiititti laakkowate.
GEN 50:24 Achiin duuba Yoseef, obboleeyyan ifiitiin, «Ani du'aara. Waaqi ammoo isin woliin hin jiraata. Inni lafa tana keessaa gara lafa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif waadaa galetti isin hin deebisa» jedhe.
GEN 50:25 Maarre Yoseef ilmaan Yaaqoobiitiin, «Waaqi dhugumaan isin woliin hin jiraata; yennaa inni gara lafa sanii isin deebisu, lafee tiyya asii fuutanee akka deentanu naaf kakadha'a» jedhe.
GEN 50:26 Yoseef woggaa dhibbaa fi kudhani tti du'e. Isaan reeffa isaa qorsaan sukkuumanee gossanee, biyya Gibxi'ii keessatti saanduqa keessa keyane.
EXO 1:1 Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamane, worri maatii ifii woliin gara biyya Gibxi'ii deemane maqaan isaanii asii gad jira:
EXO 1:2 Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa,
EXO 1:3 Yisaakor, Zebuloon, Beniyaamin,
EXO 1:4 Daan, Niftaalem, Gaadi fi Asheer fa'a.
EXO 1:5 Laakkossi sanyii Yaaqoobii wolumatti torbaatama; ilmi isaa Yoseef isaaniin duraayyuu biyya Gibxi'ii keessa jira.
EXO 1:6 Barri isaanii geennaan Yoseef, obboleeyyan isaatii fi dhalooti sun marti du'ane.
EXO 1:7 Sanyiin Israa'elii ka achitti hafane ammoo horanee guddoo bacatanee, lafa Gibxi'ii guutane.
EXO 1:8 Achiin duuba mootiin haarenni ka marroo Yoseefii hin beenne biyya Gibxi'ii irratti mootii te'e.
EXO 1:9 Inni kolbaa ifiitiin, «Kunoo, Israa'elooti guddoo bacatanee nu caaliisatti jiran.
EXO 1:10 Laakkossi isaanii akka hin bacanne, lolli yoo ka'e diina keenna woliin nu lolanee biyyaa akka hin baane godhiisaaf kowa'a mala itti dhoonna» jedhe.
EXO 1:11 Tanaaf worri Gibxi'ii kolbaa Israa'elii cunqursiisaaf, worra hujii hunnaa isaan hujisiisu itti filane. Israa'elooti qachaa woy itti kuufatanu Fiitoomii fi Raamses mooticha Fara'ooniif ijaarane.
EXO 1:12 Te'uu malee akkuma worri Gibxi'ii irra caalaa Israa'eloota cunqursuun isaanille irra caalaa bacatanee lafa guutane; tanaaf, worri Gibxi'ii akka malee Israa'eloota sodaatane.
EXO 1:13 Worri Gibxi'ii Israa'elootatti gadhaa jabaatanee akka garbaatitti hujii hunnaa hujisiifatane.
EXO 1:14 Hujii jajjadduu faara loobiisaatii fi simintoo hujiisaatiin, hujii adda addaa ta fichaa keessaatiin, hujii hunnaa jajjadduu ifii mara gadhaa itti jabaatanee hujisiisanee jireenna itti hadheessane.
EXO 1:15 Achiin duuba mootiin Gibxi'ii worra dubartoota Ibrootaa deeysiisanu, ka, «Siifraa fi Phuwaa» jedhamanuun,
EXO 1:16 «Yennaa dubartoota Ibroota deeysiittanu annuun dhalatu dhiira yoo te'e yennuma san ijjeesa'a, durra yoo teete ammoo hin ijjeesina'a» jedhe.
EXO 1:17 Deeysiittooti sun ammoo Waaqa waan sodaataneef, akka mootiin Gibxi'ii isaan ajaje san hin goone; annoolee dhiiraalle hin ijjeenne.
EXO 1:18 Maarre Mootiin Gibxi'ii deeysiittoota san waamee, «Maaf akkas gootane? Annoolee dhiiraa maaf ijjeesuu dhaddane?» jedhee gaafate.
EXO 1:19 Isaanille deebisanee, «Dubartooti worra Ibrootaa akka dubartoota worra Gibxi'iitii moti; isaan jajjaba waan te'aneef, adoo deeysiittooti isaan bira hin geyin deyan» jedhane.
EXO 1:20 Maarre Waaqi deeysiittoota saniif waan dansaa godhe; kolbaan Israa'eliille irra caalaa bacatte.
EXO 1:21 Worri deeysiittootaa sun Waaqa waan sodaataneef, tokko tokkoo isaaniitiif maatii kenne.
EXO 1:22 Achiin duuba mootichi, «Ijoollee dhiiraa ta Ibrootaa ta dhalattu mara fuudha'aatii laga Nayiliititti gata'a, ijoollee durraa ta dhalattu ammoo hin gatina'a» jedhee kolbaa ifii mara ajaje.
EXO 2:1 Bara san namichi sanyii Lewwi'ii tokko dubartii sanyii Lewwi'ii fuudhe;
EXO 2:2 isiille ulfoottee ilma isaaf deette. Ilmi dhalate sun miidhagaa akka te'e yennaa dhaggite haga ji'a sadii isa dhossite.
EXO 2:3 Haga san caalaa dhossuu yennaa dadhadde ammoo, saaxaraa allaaduu irraa hujame tokko fuutee, akka bisaan keessa hin seenne leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchite; achiin duuba annuu san keessa irkittee allaaduu qarqara laga Nayilii odduu keette.
EXO 2:4 Obboleettiin annuu sanii ammoo waan inni te'u ilaaliisaaf irraa fagaattee dhaabbatteertiiyyu.
EXO 2:5 Achiin duuba intalti mooticha biyya Gibxi'ii dhiqatiisaaf gara laga Nayilii dhutte; yennaa san dubartooti isii tajaajiltu laga san qarqara deddeemiisatti jiraniiyyu. Isiille saaxaraa allaaduu odduu jiru dhaggitee, tajaajiltittii ifii ergitee akka saaxaraa san fiddu goote.
EXO 2:6 Isiin yennaa saaxaraa san bante annuu keessatti dhaggite. Annuun waan bowiisatti jiruuf, isaaf gadditee, «Kun annuu Ibrootaa ti» jette.
EXO 2:7 Achiin duuba obboleettiin isaa intala Mootichaatiin, «Annuu kana akka hoosittee si'iif guddittu dubartoota Ibrootaa keessaa takkattii dhaqee si'iif waamuu?» jette.
EXO 2:8 Isiille, «Ee! Dhaqii waami!» jetteen. Maarre intaltille dhaxxee haadhuma annu'uu fidde.
EXO 2:9 Intalti mootichaalle isi'iin, «Annuu kana fuudhiitii hoosisii naaf guddisi; anille si'iif hin kaffala» jette. Maarre isiille annuu san fuutee hoosittee gudditte.
EXO 2:10 Mucaan sun yennaa guddate, isiin gara intala mootichaa isa geessite; innille isi'iif ilma te'e. Isiille bisaan keessaa waan isa baacheef, maqaa isaa «Muusee» jette.
EXO 2:11 Muuseen guddateen duuba guyyaa tokko addee kolbaan isaa jirtu dhaqee hujii hunnaa jajjadduu hujanuun dhagge. Nami Gibxi'ii tokko kolbaa Muuse'ee keessaa Ibraawicha tokko dhaanuun dhagge.
EXO 2:12 Inni asii fi achi ilaalee nami isa dhaggu tokkolle akka hin jirre hubateen duuba, nama Gibxi'ii san ijjeesee reeffa isaa maansa jala dhosse.
EXO 2:13 Guyyaa itti aanulle bayee Ibrooti lama wol loltuun dhagge. Nama balleessaa qabuun «Ati maaf nama Ibraawicha gosa keetii dhaanta?» jedhee gaafate.
EXO 2:14 Namichille deebisee «Nu irratti bulcha'aa fi abbaa mura'aa ka si godhe eennu? Akkuma nama Gibxi'ii san ijjeette analle ijjeesiisaaf yaaddee ree?» jedhe. Achiin duuba Muuseen sodaatee «Wonni ani tolche beekkameera» jedhee yaade.
EXO 2:15 Mootichi yennaa waan kana dhage'e, Muusee ijjeesiisaaf barbaade; Muuseen ammoo isa duraa baqatee gara lafa Miidiya'aa deemee boolla bisaanii takka bira le'e.
EXO 2:16 Hayyichi Miidiyaanii tokko ijoollee durraa torba qabaayyu; isaan gara boolla bisaanii san dhufanee hoolee abbaa ifii bisaan obaasiisaaf bisaan woraabanee goongaa guutane.
EXO 2:17 Tissitooti dhibiin dhufanee isaan ari'ane; Muuseen ammoo ka'ee durra saniif rogee hoolee isaanii bisaan obaase.
EXO 2:18 Isaan yennaa gara abbaa ifii Rewu'elii deebi'ane, inni, «Isin adha maaf haganattuu ariifattanee deebitane?» jedhee gaafate.
EXO 2:19 Isaanille deebisanee, «Nami Gibxi'ii tokko tissitooti nu ariinaan nu'uuf rogee, bisaanille nuu woraabee hoolee teenna nu'uuf obaase» jedhane.
EXO 2:20 Innille durra ifiitiin «Meet inni? Isin maaf isa lakkittanee dhuttane? Akka inni nu woliin sagalee nyaatu, dhaqa'aatii waama'a!» jedhe.
EXO 2:21 Maarre Muuseen namicha san woliin le'iisaaf jaalate; namichi sunille intala ifii Siiforaa akka niitii isaaf teetu Muuse'eef kenne.
EXO 2:22 Isiin ilma isaaf deette; Muuseelle, «Ani lafa ormaatitti galeera» jedhee, maqaa isaa Gershoom baase. Gershoom jechuun «Galtuu» jechu'u.
EXO 2:23 Bara heddu'uun duuba mootichi biyya Gibxi'ii du'e; Israa'elooti garbooma keessatti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyyatane; iyyi isaan garbummaa jalaa bayiisaaf iyyane gara Waaqaa ol dhaxxe.
EXO 2:24 Waaqille iyya isaanii dhage'ee, gondooroo ifii ta Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob woliin gondoore qaabate.
EXO 2:25 Maarre Waaqi akka Israa'elooti garbummaa keessa jiranu dhaggee, isaaniif yaadate.
EXO 3:1 Gaafa tokko Muuseen hoole'ee fi re'ee soddaa ifii ta Yetroo hayyicha Miidiyaanii adoo tissuu, gaafa tokko hoole'ee fi re'ee san goomolee keessa oofee gara gaara Horeebii ka, «Gaara Woyyicha» jedhamuu dhufe.
EXO 3:2 Achitti ergamaan Waaqaa bobe'a ibiddaa ka tusee keessaa bobe'u keessaa itti mudhatte. Muuseen tuseen sun ibidda irra jiraattulle akka hin gubanne dhagge.
EXO 3:3 Maarre Muuseen, «Tuseen tun maaf hin gubanne? Dhaqee baasa guddaa kana ilaala» jedhee herrege.
EXO 3:4 Mootiin Waan Maraa Waaqi akka Muuseen ilaaliisaaf dhaqe yennaa dhagge, tusee keessaa, «Muuse'e! Muuse'e!» jedhee waame. Muuseelle, «Ani kunoo as jira!» jedheen.
EXO 3:5 Waaqille, «As hin dhikaatin! Addeen ati irra dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu» jedheen.
EXO 3:6 Achiin duuba, «Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii ti» jedhe. Maarre Muuseen Waaqa ilaaluu waan sodaateef, fuula ifii gollate.
EXO 3:7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyya ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera; iyya isaan worra isaan garboonfatu jalaa bayiisaaf iyyanulle dhage'eera; farra isaaniille beekeera.
EXO 3:8 Ani harka worra Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara lafa dansaa aananii fi dammaa gara lafa Kana'aanotaa, gara lafa Heetotaa, gara lafa Amoorotaa, gara lafa Pheriizotaa, gara lafa Hiiwotaatii fi Yibusootaa ol isaan fidiisaaf gad bu'eera.
EXO 3:9 Amma kunoo, iyyi Israa'elootaa na bira geetteerti; worri Gibxi'ii akka isaan cunqursaarulle dhaggeera.
EXO 3:10 Maarre amma deemi. Akka ati kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa baattuuf gara mooticha Gibxi'ii si erga» jedheen.
EXO 3:11 Muuseen ammoo Waaqaan, «Gara mootii Gibxi'ii dhaqee, kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'iitii ka baasu ani eennu?» jedhe.
EXO 3:12 Waaqille deebisee, «Ani si woliin hin jiraadha. Kolbaa tiyya biyya Gibxi'iitii baattee yennaa fidde gaara kana irratti na hin waaqonfatta; kunille akka ani si erge beessisa si'iif hin te'a» jedheen.
EXO 3:13 Muuseelle Waaqaan, «Ani gara Israa'elootaa dhaqee, ‹Waaqi abbootii teessanii gara keessan na ergeera› isaaniin yoo jedhe, isaan ammoo, ‹Maqaan isaa eennu?› jedhanee yoo na gaafatane, ani maan isaanitti hima?» jedhe.
EXO 3:14 Waaqi Muuse'een, «Ani Waaqa jiraata'a; ati kolbaa Israa'eliitiin ‹Waaqi jiraataan gara keessan na ergeera› jetta» jedhe.
EXO 3:15 Waaqi ammalle Muuse'een, «Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii teessanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii gara keessan na ergeera› jedhi; kun maqaa kiyya ka bara baraa ti; dhalooti martinuu kanumaan na qaabatan.
EXO 3:16 Dhaqii, jaarsolee Israa'elii wolitti qabiitii, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii teessanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii natti mudhatee: Ani biyya Gibxi'ii keessatti isin ilaalee waan isin godhane dhaggeera.
EXO 3:17 Rakkinna keessan ka biyya Gibxi'ii jalaa isin baasee, gara lafa aananii fi dammaa, gara lafa Kana'aanotaa, gara lafa Heetotaa, gara lafa Amoorotaa, gara lafa Pheriizotaa, gara lafa Hiiwotaa, gara lafa Yibusootaa ol isin baasiisaaf waadaa isiniif galeera anaan jedhe› jedhii itti himi;
EXO 3:18 «Jaarsoleen kolbaa Israa'eliille dubbii teeti hin dhage'an. Achiin duuba atii fi jaarsoleen sun gara mooticha Gibxi'ii dhaqa'aatii, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi Ibrootaa, nu'utti mudhateera. Goomolee keessa karaa guyyaa sadii ideennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa akka dhikeessinu nu'uuf eeyyam› jedha'aan;
EXO 3:19 Mootichi Gibxi'ii irree jaddu'uun malee akka inni gad isin hin lakkinne ani ammoo hin beeka.
EXO 3:20 Maarre ani harka kiyya diriirsee bilbaasa odduu isaaniititti tolchu maraan, worra Gibxi'ii hin dhowa; achiin duuba inni akka isin ideentanu hin lakkisa.
EXO 3:21 «Ani worri Gibxi'ii akka isin ulfeessanu waan godhuuf, yennaa achii baatanu harka duwwaa hin ideentanu.
EXO 3:22 Dubartiin Israa'elootaa tokko tokkooyyuu ollaa ifiitii fi dubartii worra Gibxi'ii ta mana isi'ii leetu seesa meeti'iitii fi worqi'ii akkasuma woyaa akka kennituuf gaafattuu ti. Seesa kana ilmaanii fi durra teessanitti naxxanee, woyaalle itti hin uffittan; akka kanaan qabeenna worra Gibxi'ii guurattan» jedhe.
EXO 4:1 Achiin duuba Muuseen deebisee, «Israa'elooti, ‹Mootiin Waan Maraa si'itti hin mudhanne› jedhanee, yoo na dhugeeffatuu dhabane, dubbii tiyyalle yoo dhage'uu didane maan godha ree?» jedhe.
EXO 4:2 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Wonni ati harkatti qabatteertu sun maan?» jedheen. Innille, «Ule'e» jedheen.
EXO 4:3 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ulee san lafa buus!» jedheen; yennaa Muuseen ulee san lafa buuse, ulee sun bofa teete; Muuseelle irraa dheete.
EXO 4:4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Hiixadhuu harka keetiin eegee isaa qabi!» jedheen; maarre Muusee hiixatee bofa san qabe; bofi sunille deebi'ee ulee te'e.
EXO 4:5 Mootiin Waan Maraa, «Kanaan ani Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii isaanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii akka si'itti mudhadhe hin dhugeeffatan» jedheen.
EXO 4:6 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Harka keeti bobaa teeti keessa keyadhu!» jedhe. Innille harka ifii bobaa ifii keessa keyate; yennaa inni harka bobaa keessaa fuudhu, harki isaa akka dhakaa bokkeyaa akka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa addaate.
EXO 4:7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Harka keeti bobaa teeti keessatti deebis!» jedheen. Muuseelle harka ifii bobaa ifii keessatti deebifate; yennaa inni achi keessaa baafatu, harki fayyee akka nafa isaa kaan fakkaate.
EXO 4:8 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Isaan yoo si dhugeeffatuu dhabane yookiin bilbaasa qaraalle yoo fudhatuu dhabane, bilbaasa lammeesso'oo kana hin dhugeeffatan.
EXO 4:9 Bilbaasa kana lamaanuu yoo dhugeeffatuu dhabane, dubbii teetille yoo caqasuu didane, bisaan laga Nayilii woraabiitii lafa godduu irratti dhangalaas; bisaan ati lagaa woraadde sun lafa godduu irratti dhiiga hin te'a» jedhe.
EXO 4:10 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraatiin, «Ee Goottaa kiyya, na hin ergin. Ani duruu nama gikkisu, arrab kiyyalle hin ulfaata; haga ati ana garbicha keeti woliin dubbii jalqadelle ani nama dandeettii dubbi'ii qabu ijjumaa hin teene» jedhe.
EXO 4:11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Afaan namaa ka dade eennu? Ka afaan namaatii fi gurra namaa duudaa godhu eennu? Ka ila namaa akka dhaggitu godhu yookiin ballaa godhu eennu? Ana Mootii Waan Maraatii motii?
EXO 4:12 Amma, deemi; ani akka ati dubbattuuf si hin qarqaara; waan ati jettulle si hin barsiisa» jedhe.
EXO 4:13 Muusee ammoo, «Ee, Gootta'a, maganne'e nama dhibii ergi» jedhe.
EXO 4:14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'etti aaree bobe'ee, «Obboleessi keeti Aaron sanyiin Lewwi'ii hin jiraa motii? Inni akka dansaa akka dubbatu ani hin beeka. Kunoo inni gara keeti dhufiisaaf ammaayyuu karaa irra jira; inni yennaa si dhagge gadhaan isaa hin gammada.
EXO 4:15 Ati isatti hin dubbatta; waan inni dubbatulle itti akeetta. Akka dubbattanu isin lamaanuu ani hin qarqaara; waan tolchitanulle isin hin barsiisa.
EXO 4:16 Inni addee teeti bu'ee kolba'atti hin dubbata. Achiin duuba ati akka ana Waaqaa teetee, waan inni dubbatu itti hin hinta.
EXO 4:17 Ulee bilbaasa ittiin tolchitu tana harkatti qabadhu» jedhe.
EXO 4:18 Achiin duuba Muuseen gara soddaa ifii gara Yetroo deebi'ee, «Gara fira kiyyaa ka Gibxii keessa jiranuu deebi'ee dhaqee, akka isaan haga ammaa lubbu'uun jiranu ilaala!» jedheen. Yetrolle Muuse'een «Nageyaan dhaqi!» jedhe.
EXO 4:19 Muuseen Miidiyaan keessa adoo jiruu, Mootiin Waan Maraa, «Worri ijjeesiisaaf si barbaade martinuu amma waan du'aneeranuuf, gara Gibxi'ii deebi'ii deemi» jedheen.
EXO 4:20 Maarre Muuseen niitii ifiitii fi ilmaan ifii mara harree irra teessisee, gara Gibxi'ii deebi'uu jalqabe; inni ulee Waaqaa sanille harkatti qabateeraayyu.
EXO 4:21 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Yennaa gara biyya Gibxi'ii deebite, bilbaasota ani akka ati hujjuuf hunna si'iif kenne mara fuula mooticha Gibxi'ii duratti akka mudhittu hin dedhin; ani ammoo akka inni akka ideentuuf kolbaa gad hin lakkinne, mataa isaa hin jabeessa.
EXO 4:22 Achiin duuba ati mootichaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Israa'el ilma kiyya angaficha;
EXO 4:23 akka inni deemee dhaqee na waaqonfatuuf gad lakkisi si'iin jennaan, ati ammoo akka inni deemu gad lakkisuu didde. Maarre amma ani ilma keeti angaficha hin ijjeesa jedheera› jedhiin» jedhe.
EXO 4:24 Muuseen gara Gibxi'ii adoo deemuu, addee inni buleerutti Mootiin Waan Maraa itti dhufee, isa ijjeesiisaaf barbaade.
EXO 4:25 Niitiin isaa Siiforaan ammoo dhakaa qara qabu fuutee, ilma ifii haqanqabaa qaddee, shoggoraa saniin miila Muuse'ee tuxxee, «Dhiiga dhangala'e kanaan, dhugumaan ati karaa fuudhaatiin fira kiyya» jetteen.
EXO 4:26 Maarre Mootiin Waan Maraa Muusee lakkise; isiin sababa haqanqaba'aatiif, «Dhiiga dhangala'e kanaan, ati karaa fuudhaatiin fira kiyya» jetteen.
EXO 4:27 Mootiin Waan Maraalle Aaroniin, «Muusee qophatiisaaf gara goomole'ee dhaqi» jedhe. Maarre inni gaara Waaqaa irratti isa qophatee sunqate.
EXO 4:28 Achiin duuba Muuseen, dubbii Mootiin Waan Maraa akka inni dubbatuuf isa erge mara, bilbaasota akka inni tolchuuf isa ajaje mara Aaronitti hime.
EXO 4:29 Maarre Muuse'ee fi Aaron deemanee jaarsolee sooreyyii Israa'elootaa mara wolitti qabane.
EXO 4:30 Aaron waan Mootiin Waan Maraa Muuse'etti hime mara isaanitti hime; Muuseelle fuula kolba'aa duratti bilbaasota huje.
EXO 4:31 Isaanille dhugeeffatane; Mootiin Waan Maraa akka Israa'elooti garbummaa keessa jiranu dhaggee, isaaniif akka yaadate, yennaa dhage'ane, jilbiiffatanee sagadane.
EXO 5:1 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron gara mootii Gibxi'ii dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ‹Kolbaa tiyya goomolee keessatti jila akka naaf jilisanu gad isaan lakkisi› jedheera» jedhaneen.
EXO 5:2 Mootichi Gibxi'ii deebisee, «Mootiin Waan Maraa ka ani isaaf ajajamee, Israa'eloota akka deemanu gad lakkisu kun eennu inni? Ani Mootii Waan Maraa san hin beeku; Israa'elootalle akka deemanu gad hin lakkisu» jedhe.
EXO 5:3 Muuse'ee fi Aaronille deebisanee, «Waaqi Ibrootaa nu'utti mudhateera; karaa guyyaa sadii goomolee keessa ideennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa akka dhikeessinu nu'uuf eeyyami. Nuuti yoo kana hin tolchin inni balaa yookiin woraana nu'utti hin fida» jedhaneen.
EXO 5:4 Mootichi Gibxi'ii ammoo, «Muuse'ee fi Aaroniin! Isin maaf kolbaa hujii dhooggitan? Gara hujii teessanii deebi'a'a!
EXO 5:5 Kunoo, kolbaan lafa tanaa bacatteerti; isin akka isaan hujii lakkisanu godhiisatti jirtan» jedhe.
EXO 5:6 Guyyuma san Mootichi Gibxi'ii worra hunnaan isaan hojjachiisuu fi worra Israa'eloota hojjatoota toowatanu ajajee,
EXO 5:7 «Akka qara tolchaa turtane, hicaacee dhoqqe'een loobanu haganaa achi kolba'aaf hin dhikeessina'a! Isaanuu ifumaaf barbaadanee fidatanuu ti!
EXO 5:8 Laakkossa loobaa faara ijaarsaalle haga qara hujjanu hin dhidhisina'a; haguma qara itti murteeffame san akka fidanu godha'a. Isaan booseya; tanaaf, ‹Dhandhee ciincaa Waaqa keennaaf dhikeessina› jedhaa natti iyyan.
EXO 5:9 Isaan oduu dharaa akka hin caqanne, huji'iin akka qabamanuuf, hujii ulfaattuu akka isaan hujanu tolcha'a» jedhe.
EXO 5:10 Worri hunnaan isaan hojjachiisuu fi worri Israa'eloota hojjattoota toowatanu dhaqanee kolbaa Israa'eliitiin, «Mootichi, ‹Ani haganaa achi hicaacee isiniif hin kennu.
EXO 5:11 Isinuu ifumaaf addee itti dhaggitanee barbaadadha'aatii fudhadha'a; hujiin teessan ammoo haga qaraa irraa hin dhidhatin› jedheera» jedhane.
EXO 5:12 Maarre kolbaan hicaacee barbaadiisaaf lafa Gibxi'ii mara keessa bittinnootte.
EXO 5:13 Worri hunnaan isaan hojjachiisanu ammoo, «Akkuma qara yennaa hicaaceen isiniif kennamu hojjattanu, hujii guyyuma guyya'aan akka hujjanu murteeffame san hobbaasa'a» jedhaa dhiibbaa itti jabeessane.
EXO 5:14 Worri hunnaan isaan hojjachiisanu, toowattoota hojjatoota Israa'eliitiin, «Laakkossa loobaa faara ijaarsaa ka kale'eetii fi ka adhaa akkuma qara akka hujanuuf murteeffame maaf hujuu dhaddane?» jedhaa dikaa gaafatane.
EXO 5:15 Achiin duuba toowattooti hojjattoota Israa'elii gara mooticha Gibxi'ii dhaqanee, «Ati maaf nu worra tajaajiltoota teetii akkana goota?
EXO 5:16 Nu worra tajaajiltoota teetiitiif hicaaceen hin kennanne, te'uu malee ‹Loobaa faara ijaarsaa huja'a› nu'uun jedhan; nuuti tajaajiltooti teeti dikamiisatti jirra; balleessaan ammoo ta kolbaa teetii ti» jedhanee iyyatane.
EXO 5:17 Mootichi Gibxi'iille deebisee, «Isin booseya; hujii hujiisa hin jaalattanu! Tanaaf, ‹Dhandhee ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessina› jettan;
EXO 5:18 amma huji'itti deebi'a'a! Hicaaceen tokkolle isiniif hin kennamu; te'uu malee laakkossa loobaa faara ijaarsaa akkuma qara akka hujanuuf murteeffame san guutuu huja'a» jedheen.
EXO 5:19 Toowattooti hojjatoota Israa'elii, laakkossi loobaa faara ijaarsaa akka isaan guyyuma guyya'aan hujanuuf murteeffame akka hin dhidhanne yennaa itti himame rakkoon guddoon akka isaa dhaqqadde beekane.
EXO 5:20 Isaan mooticha biraa yennaa bayane, worra isaan eegaa ture Muuse'ee fi Aaron dhaggane.
EXO 5:21 Isaan Muuse'ee fi Aaroniin, «Mootichi fi qondaaltoti isaa akka nu xireeffatanu gootanee, shallaagaa ittiin nu ijjeesanu harka isaanii keessa waan keettaneef, Mootiin Waan Maraa ilaalee, isinitti muruu ti!» jedhane.
EXO 5:22 Muuseen gara Mootii Waan Maraa deebi'ee, «Ee Mootii Waan Maraa kolbaa tana irratti rakkoo tana maaf fidde? Tanaaf as na ergitee?
EXO 5:23 Haga ani maqaa keetiin dubbatiisaaf mooticha bira dhaqeen jalqabee, inni kolbaa tana rakkisiisatti jira; ati ammoo kolbaa teeti qarqaariisaaf waan tokkolle hin goone!» jedhe.
EXO 6:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Waan ani mooticha Gibxi'ii godhu ati amma hin dhaggita. Ani irree tiyya jaddu'uun akka inni kolbaan tiyya gad lakkisu hin tolcha. Dhugumaan, ani irree tiyya jaddu'uun akka inni biyya ifii keessaa isaan oofu isa hin tolcha» jedhe.
EXO 6:2 Waaqi Muuse'een, «Ani Mootii Waan Maraa ti;
EXO 6:3 ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u Abrahaamitti, Yisihaqii fi Yaaqoobitti mudhadheera. Ammoo maqaa kiyya ‹Mootii Waan Maraa ti› jedhee isaanitti ifi hin beessinne.
EXO 6:4 Biyya Kana'aanii, ta isaan alagaa te'anee keessa le'ane, isaanii kenniisaaf gondooroo tiyya isaan woliin godheera.
EXO 6:5 Amma aaduu Israa'elootaa ta worri Gibxi'ii waan isaan garboonfateef aadanu dhage'ee, ani gondooroo tiyya qaabadheera.
EXO 6:6 «Tanaaf ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani Mootii Waan Maraa ti; ani garbummaa Gibxi'ii jalaa isin baasee isin hin bilisoonsa. Irree tiyya ol kaasee, adabbii gugurdoo isaanitti fidee, isin hin woda
EXO 6:7 Ani kolbaa tiyya isin tolfadhee, Waaqa keessan isiniif hin te'a. Yennaa ani garbummaa Gibxi'ii jalaa isin bilisa baase ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e hin beettan.
EXO 6:8 Lafa Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf waadaa gale sanitti akka isin galtanu godhee, isiniif hin kenna. Ani Mootii Waan Maraa ti jedha› jedhiin» jedhe.
EXO 6:9 Muuseelle waan kana Israa'elootatti hime; garbummaan hantuun addii waan isaan kutachiitteef, isaan ammoo isa hin caqanne.
EXO 6:10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
EXO 6:11 «Gara mooticha Gibxi'ii dhaqiitii, Israa'elooti lafa isaa keessaa akka bayanu akka inni isaan gad lakkisu itti himi» jedhe.
EXO 6:12 Muuseen ammoo deebisee, «Kunoo, Israa'elootinuu na hin dhageenne; mootichi fa'a ana nama akka dansaa dubbatiisa hin beenne attam dhage'uu dande'a ree?» jedhe.
EXO 6:13 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaronitti dubbatee, Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, dhaqanee Israa'eloota fi mooticha Gibxi'iititti akka himanu isaan ajaje.
EXO 6:14 Ilmi angafichi Yaaqoobii Ruuben, ilmaan afur: Heenoki, Faluu, Hezronii fi Karmii qaba. Isaan abbootii sanyii Ruubenii ti.
EXO 6:15 Shimi'oon ilmaan jaa: Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaar, Shaawul ta dubartiin Kana'aanotaa deette qaba. Isaan abbootii sanyii Shimi'oonii ti.
EXO 6:16 Lewwiin ilmaan sad: Gershoon, Qehaatii fi Meraari qaba. Isaan abbootii sanyii Lewwootaa ti. Lewwiin woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'e.
EXO 6:17 Gershoon ilmaa lama: Liibnii fi Shime'i qaba.
EXO 6:18 Qehaat ilmaan afur: Amraam, Yizhaar, Hebroon fi Uzii'el qaba. Qehaat woggaa dhibbaa fi soddomii sad le'e.
EXO 6:19 Meraar ilmaa lama: Maahilii fi Mushi qaba. Isaan abbootii sanyii fira Lewwi'ii ti.
EXO 6:20 Amraam obboleettii abbaa ifii Yokebeed fuudhe. Isiin Aaron fi Muusee isaaf deette. Amraam woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'e.
EXO 6:21 Yizhaar ilmaa sad: Qoraahi, Nefegii fi Ziikri qaba.
EXO 6:22 Uzii'el ilmaa sad: Miishaa'el, Elzaafaanii fi Siitri qaba.
EXO 6:23 Aaron intala Aminaadaabii, obboleettii Nahasoonii Elishebaa fuudhe. Isiille Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar deetteef.
EXO 6:24 Qoraahi ilmaan sad: Asiir, Elqaana'aa fi Abii'aasaaf qaba. Isaan abbootii sanyii Qoraahii ti.
EXO 6:25 Ilmi Aaronii Ele'azaar, durra Futii'elii keessaa takkattii fuudhe; isiin Fiinehaas isaaf deette. Isaan kun sooreyyii abbootii sanyii Lewwi'ii ti.
EXO 6:26 Muuse'ee fi Aaron worra Mootiin Waan Maraa, «Gosa Israa'elii akka fira fira isaaniititti biyya Gibxi'ii keessaa baasa'a!» jedhee itti dubbate.
EXO 6:27 Akka inni Israa'eloota gad lakkisuuf mooticha Gibxi'iititti worri dubbate isaanuma kana.
EXO 6:28 Mootiin Waan Maraa lafa Gibxi'ii keessatti Muuse'etti yennaa dubbate,
EXO 6:29 «Ani Mootii Waan Maraa ti. Waan ani si'itti hime mara mooticha Gibxi'iititti himi» jedhe.
EXO 6:30 Muuseen ammoo deebisee «Ani nama akka dansaa dubbatiisa hin dandeenne akka te'e atinuu hin beetta; mootichi attamiin dubbii tiyya dhage'uu dande'a ree?» jedhe.
EXO 7:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ani mooticha Gibxi'ii irratti akka Waaqaa si godheera; obboleessi keeti Aaron ammoo akka raagichaa te'ee addee teeti hin dubbata.
EXO 7:2 Ati waan ani si ajaje mara hin dubbatta; obboleessi keeti Aaron akka Israa'elooti biyya isaa keessaa baatuuf akka inni isaan gad lakkisu mootichatti hin hima.
EXO 7:3 Ani ammoo mooticha Gibxi'ii mataa hin jabeessa; bilbaasaa fi baasa hedduu biyya Gibxi'iititti tolchulle inni isin hin caqasu.
EXO 7:4 Achiin duuba ani adabbii jadduu Gibxi'itti fidee, muraa guddo'oon gumii tiyya kolbaa tiyya Israa'eloota lafa Gibxi'ii keessaa hin baasa.
EXO 7:5 Ani biyya Gibxi'ii adabee Israa'eloota achi keessaa yennaa baase, worri Gibxi'ii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe.
EXO 7:6 Muuse'ee fi Aaronille akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane.
EXO 7:7 Muuse'ee fi Aaron mootichatti yennaa dubbatanu, Muuseen nama woggaa saddeettamaa, Aaron ammoo nama woggaa saddeettamii sadii ti.
EXO 7:8 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
EXO 7:9 «Mootichi ‹Bilbaasa huja'a› yoo jedhe, ati Aaroniin ‹Ulee teeti fuudhiitii mooticha dura buusi› jedhi; uleen sunille bofa hin teeti» jedhe.
EXO 7:10 Maarre Muuse'ee fi Aaron gara mootichaa dhaqanee akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane. Aaron ulee ifii mootichaa fi qondaaltota isaa dura buuse; ulee sunille bofa teete.
EXO 7:11 Achiin duuba mootichi worra qaroole'ee fi worra xanoo xanu waame; isaanille ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane.
EXO 7:12 Tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii lafa buusane; uleen sunille bofa teete. Uleen Aaronii ammoo ulee isaanii liqinsite.
EXO 7:13 Te'uu malee mootichi mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
EXO 7:14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Mootichi mataa jabaatee, kolbaan akka deentu gad lakkisuu dide.
EXO 7:15 Tanaaf, yennaa inni gara laga Nayilii gad bu'u, ganamaan gara isaa dhaqi. Ulee teeti ta bofa teete san qabadhuutii isa dhaggiisaaf, laga qarqaratti isa eegi.
EXO 7:16 Achiin duuba isaan, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa sitti na ergee: Kolbaan tiyya dhaxxee goomolee keessatti akka na waaqonfattu gad lakkisi! Si'iin jedheera. Ati ammoo haga ammaa dhage'uu didde.
EXO 7:17 Amma Mootiin Waan Maraa: Akka ani Mootii Waan Maraa te'e tanaan beetta si'iin jedheera. Kunoo ani ulee harkaa qabu tanaan bisaan Nayilii hin dhowa; bisaan sunille gara dhiigaatitti hin jijjiirama.
EXO 7:18 Qurxummiin laga Nayilii keessa jirtu hin dhumatti; lagi sun hin ajowa; worri Gibxi'iille bisaan san uniisa hin dande'anu› jedhiin» jedhe.
EXO 7:19 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dhaqii Aaroniin, ‹Ulee teeti harkatti qabadhuutii, bisaan biyya Gibxi'ii lagoota, anguree, baleessa, eela mara irratti harka keeti diriirsi. Isaan gara dhiigaa hin jijjiiraman; bisaan lafa sanii marti, ka waabaa keessa jirulle gara dhiigaa hin jijjiirama› jedhi» jedhe.
EXO 7:20 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane. Aaron mootichaa fi qondaaltota isaa duratti ulee ifiitiin bisaan dhowe; bisaan laga Nayilii marti gara dhiigaa jijjiirame.
EXO 7:21 Qurxummiin laga Nayilii keessa jirtu marti dhumatte; lagille ajowee, worri Gibxi'ii bisaan laga sanii uniisa hin dandeenne.
EXO 7:22 Worri Gibxi'ii ka xanoo xanu, ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane; mootichi mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
EXO 7:23 Inni deebi'ee gara mana ifii deeme; waan te'e kana qalbi'itti hin qabanne.
EXO 7:24 Bisaan lagaa uniisa waan dadhabaneef, worri Gibxi'ii marti bisaan uni'ii dhaggatiisaaf, laga Nayilii qarqaratti boolla bisaanii qotatane.
EXO 7:25 Mootiin Waan Maraa bisaan laga Nayilii gara dhiigaa jijjiireen duuba guyyaan torba dabare.
EXO 8:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara mootichaa dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf gad lakkis!
EXO 8:2 Ati isaan gad lakkisuu yoo didde ammoo, ani raacha biyya teetitti buusiisaan hin adaba.
EXO 8:3 Lagi Nayilii raachaan akka malee hin guutama. Isaan achi keessaa bayanee gara mana mootumma'aa keetii, gara kolloo taqee teetii, gara taqee teetii, gara mana qondaaltota teetii, kolbaa teeti irratti, akkasuma addee ibiddaatii fi meya bukoo itti bukeessanu keeti keessalle hin guutan.
EXO 8:4 Raachi sun utaalee si'i irra, kolbaa keetii fi qondaaltota teeti mara irra hin bu'a jedha› jedhiin» jedhe.
EXO 8:5 Achille'een duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Raachi dhufee lafa Gibxi'ii akka guutuuf, Aaron ulee ifii qabatee harka ifii laga, angure'ee fi baleessa mara irra akka diriirsu itti himi» jedhe.
EXO 8:6 Maarre Aaron bisaan biyya Gibxi'ii mara irratti harkaa ifii diriirse; raachille dhufee lafa san guute.
EXO 8:7 Worri xanoo xanulle ammoo ogummaa ifii ta dhossa'aatiin akkuma san godhane; isaanille raachi dhufee lafa san akka guutu godhane.
EXO 8:8 Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Akka inni raacha kana balleessuuf, gara Mootii Waan Maraa naaf daadimadha'a; akka isaan dhaqanee, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessanu, anille kolbaa teessan gad hin lakkisa» jedheen.
EXO 8:9 Muuseelle deebisee Mootichaan, «Raachi kun si'i irraa, qondaaltotaa fi kolbaa teeti irraa akka badu guyyaa ani daadimadhu ati qabadhu. Achiin duuba raachi kun si'ii fi mana keeti keessaa badee laga Nayilii keessa qofatti hin hafa» jedhe.
EXO 8:10 Mootichille deebisee, «Boru naaf daadimadhu» jedheen. Muuseelle, «Ka akka Mootii Waan Maraa, Waaqa keennaa tokkolle akka hin jirre akka ati beettuuf, akkuma ati jette teetuu ti.
EXO 8:11 Raachi si'i irraa, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irraa badee, laga Nayilii keessa qofatti hin hafa» jedheen.
EXO 8:12 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron mooticha biraa gad bayanee, Mootiin Waan Maraa raacha mootichatti fide san akka balleessuuf, Muuseen gara Mootii Waan Maraa daadimate.
EXO 8:13 Mootiin Waan Maraa waan Muuseen daadimate san tolche; raachi sun manoota keessatti, badhinna dalleya keessaatii fi diida keessatti dhumate.
EXO 8:14 Worri Gibxi'ii raacha san wolitti qabanee tuulane; tanaaf latti ajootte.
EXO 8:15 Mootichi raachi akka irraa goome yennaa dhagge, mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
EXO 8:16 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bukuun biyya Gibxi'ii marti bookee akka teetuuf, ati Aaroniin, ‹Ulee teeti fuudhiitii, bukuu lafa irraa dhowi› jedhiin» jedhe.
EXO 8:17 Isaanille akkasuma godhane; Aaron harka ifii diriirsee ulee ifiitiin bukuu lafa irraa yennaa dhowe, namaa fi horii irratti bookeen buute; bukuun biyya Gibxi'ii marti gara booke'ee jijjiirante.
EXO 8:18 Bookeen namaa fi hori'itti duudde. Worri xanoo xanu ogummaa ifii ta dhossa'aatiin bookee buusiisaaf yennaa wodhaanane ammoo, hin dandeenne.
EXO 8:19 Worri xanoo xanu, mootichaan, «Kun hujii Waaqa ti!» jedhane. Mootichi ammoo mataa jabaatee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
EXO 8:20 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, «Boru ganama bari'iin ka'iitii, yennaa mootichi laga deemu, isa dura dhaabbadhuutii, ‹Mootiin Waan Maraa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf, gad lakkisi!
EXO 8:21 Ati kolbaa tiyya gad lakkisuu yoo didde ammoo, ani tuuta faachaa si'itti, qondaaltota teetii fi kolbaa teetitti hin buusa. Manni worra Gibxi'ii marti, addeen isaan jiranu marti faachaan hin guutaman.
EXO 8:22 « ‹Guyyaa san ammoo, akka ani, Mootiin Waan Maraa lafa tana keessa jiru akka ati beettuuf, lafa kolbaan tiyya keessa leetu Gooshen, akka faachi achi hin jiraanne hin tolcha.
EXO 8:23 Ani kolbaa tiyyaa fi kolbaa teeti oddu'utti garaagarummaa hin tolcha; bilbaasi kunille boru hin te'a jedha› jedhiin» jedhe.
EXO 8:24 Mootiin Waan Maraa akkuma dubbate tolche. Tuuti faachaa Mana mootichaatii fi mana qondaaltota isaatitti bu'e; latti Gibxi'ii marti faachaan guutantee badde.
EXO 8:25 Achiin duuba mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Dhaqa'aatii biyyuma tana keessatti Waaqa keessaniif ciincaa dhikeessa'a» jedhe.
EXO 8:26 Muuseen ammoo deebisee «Ciincaan nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu, worra Gibxi'ii biratti diqatamaa waan te'uuf, tana godhuun sirri'ii moti. Ciincaa isaan duratti diqatamaa te'e, yoo dhikeessine dhaka'aan nu hin tumanuu?
EXO 8:27 Akkuma inni nu ajaje guyyaa sad goomolee keessa deennee, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf ciincaa dhikeessuu qanna» jedhe.
EXO 8:28 Mootichille, «Akka Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif goomolee keessatti ciincaa dhikeessitanu, ani gad isin hin lakkisa; garuu fagaattanee hin deemina'a. Anaafille daadimadha'a» jedhe.
EXO 8:29 Muuseelle deebisee, «Akkuma si biraa deemeen, Mootii Waan Maraa hin daadimadha. Faachi si'i, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irraa hin ka'a. Ati ammoo kolbaan dhaxxee, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhooggitee ammalle nu hin sobin» jedhe.
EXO 8:30 Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, Mootii Waan Maraa daadimate.
EXO 8:31 Mootiin Waan Maraalle waan Muuseen daadimate tolche. Faachi tokkolle adoo hin hafin mooticha, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa irraa bade.
EXO 8:32 Mootichi ammoo yennaa tanalle mataa jabaatee, kolbaa gad lakkisuu didate.
EXO 9:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara mootichaa dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa: Kolbaan tiyya dhaxxee akka na waaqonfattuuf gad lakkisi.
EXO 9:2 Ati ammalle akka isaan deemanu yoo gad lakkisuu dide,
EXO 9:3 ani horii keeti ka diida tikatu fardoolee teeti, harreelee teeti, gaalota keeti, hoolota teetii fi re'oota teeti irratti dhukkuba hamaa hin buusa.
EXO 9:4 Horii Israa'elootaatii fi horii worra Gibxi'ii wodhakka'atti garaagarummaa hin tolcha; horiin Israa'elootaa hin du'u jedha› jedhiin» jedhe.
EXO 9:5 Mootiin Waan Maraa guyyaa murteessee, «Ani waan kana boru lafa tanatti hin fida» jedhe.
EXO 9:6 Guyyaa itti aanu Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe godhe; horiin worra Gibxi'ii marti dhumatee, ka Israa'eloota ammoo tokkolle hin duune.
EXO 9:7 Mootichi akka ilaalanu namoota ergee, horiin Israa'elootaa tokkolle akka hin du'in hubate; te'uu malee mootichi mataa jabaatee kolbaa gad lakkisuu didate.
EXO 9:8 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, «Badaa ibiddaa irraa daadhaa ooboo takkaa fuudha'aatii, Muuseen mooticha duratti qilleensa irratti ol qolaansuu ti.
EXO 9:9 Daadhaan sun lafa Gibxi'ii mara irratti bukuu te'ee, namaa fi horii irratti iita maloottu hin te'a» jedhe.
EXO 9:10 Isaanille bukuu fuudhanee fuula mootichaa dura dhaabbatane; Muuseelle daadhaa san qilleensa irratti ol qolaansee, kolba'aa fi horiin marti iitowane.
EXO 9:11 Worri xanoo xanuu fi worri Gibxi'ii marti waan iitowaneeranuuf, worri xanoo xanu Muusee dura dhaabbatiisa hin dandeenne
EXO 9:12 Mootiin Waan Mara ammoo mooticha mataa jabeessee, akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
EXO 9:13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Boru ganama bari'iin ka'iitii, mooticha dura dhikaadhuutii, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf gad lakkisi.
EXO 9:14 Yoo gad lakkisuu didde, biyya lafaa mara irra ka akka kiyyaa tokkolle akka hin jirre, akka ati beettuuf ani amma si irratti, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irratti balaa hamaa hin fida.
EXO 9:15 Ani akka harka kiyya ol fudhadhetti si'ii fi kolbaa teeti adoo dhowee jiraadhee, silaa ati lafa irraa ijjumaa baddeerta.
EXO 9:16 Te'uu malee hunna tiyya si'itti mudhisiisaa fi maqaan kiyya biyya mara irratti akka beekkamuuf, ani si lakkise.
EXO 9:17 Ati ammoo haga ammaa ol ifi qaddee kolbaan tiyya akka deentu gad lakkisuu didde.
EXO 9:18 Tanaaf, boru yennaa akkanaa tana bokkeya dhaka'aa hamaa ka dabarsii biyya Gibxi'ii keessatti bu'ee hin beenne, hin buusa.
EXO 9:19 Bokkeenni dhaka'aa hori'ii fi nama gara manaa hin galin waan ala jiru mara waan ijjeesuuf, ati amma horii keetii fi waan ala jiru mara manatti akka galchanu ajaji jedha› jedhiin» jedhe.
EXO 9:20 Qondaaltoti mootichaa worri jecha Mootii Waan Maraa sodaate, garboolee ifiitii fi horii ifii manatti galfatiisaaf ariifate.
EXO 9:21 Worri gariin ka jecha Mootii Waan Maraa tuffate, garboolee ifiitii fi horii ifii alatti lakkise.
EXO 9:22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Lafa Gibxi'ii mara irratti, namaa fi horii irratti, waan lafa Gibxi'ii irratti latu mara irratti bokkeenni dhaka'aa akka bu'u harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe.
EXO 9:23 Yennaa Muuseen ulee ifii gara gubba'aa ol kaase, Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya dhaka'aa buusee balaqqeettiille balaqqitte. Maarre Mootiin Waan Maraa bokkeya dhaka'aa lafa Gibxi'ii irratti roobisiise
EXO 9:24 Bokkeenni dhaka'aa hamaan bu'e; balaqqeettiin balaqqitte. Haga Gibxi biyya teeteen jalqaddee bubbeen bokkeyaa ta teetee hin beenne teete.
EXO 9:25 Bokkeenni dhaka'aa kun biyya Gibxii keessatti namaa fi horii alatti hafane mara dhowe. Waan diida keessatti lateeru mara dhowee, mukoota mara caccasse.
EXO 9:26 Addee worri Israa'elootaa le'anu lafa Gooshenii qofatti, bokkeenni dhaka'aa hin buune.
EXO 9:27 Achiin duuba Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Ani amma yakkeera. Mootiin Waan Maraa balcha'a. Ani fi kolbaa tiyya ammoo yakkineerra.
EXO 9:28 Bokkeenni dhaka'aatii fi mandiisuun waan nutti bacatteef, Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadha'a. Anille gad isin hin lakkisa. Haganaa achi as hin turtanu» jedhe.
EXO 9:29 Muuseen deebisee, «Ani qachaa keessaa yennaa baye, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa ol kaasee hin daadimadha. Latti tun ta Mootii Waan Maraa akka teete akka ati beettuuf, mandiisuun hin dhaabbatti. Bokkeenni dhaka'aalle haganaa achi hin jiraatu.
EXO 9:30 Garuu ati fi qondaaltoti teeti Mootii Waan Maraa Waaqa akka hin sodaanne ani hin beeka» jedhe.
EXO 9:31 Yennaa san talbaan daraaree garbuun ammoo shawwee waan te'eef, talba'aa fi garbuulle bokkeya dhaka'aatiin badane.
EXO 9:32 Qamadi'ii fi ajjaan ammoo duuba irra waan bilchaatanuuf hin banne.
EXO 9:33 Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, qachaa keessaa bayee, daadimatiisaaf, harka ifii gara Mootii Waan Maraa ol kaase. Mandiisu'uu fi bokkeenni dhaka'aa dhaabbatee, bokkeennille roobiisaa lakkise.
EXO 9:34 Mootichi mandiisuun, bokkeenni dhaka'aatii fi bokkeenni akka dhaabbate yennaa dhagge, ammalle yakkaa huje. Innii fi qondaaltoti isaa mataa jabaatane.
EXO 9:35 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi mataa jabaatee, Israa'elooti akka deemanu gad lakkisuu didate.
EXO 10:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati gara mootichaa dhaqi. Ani bilbaasota kiyya kana odduu isaaniititti tolchiisaaf, mootichaa fi qondaaltota isaa mataa jabeesseera.
EXO 10:2 Ati ammoo waan ani worra Gibxi'ii irratti tolche, bilbaasota ani isaan oddu'utti huje kana, dabarsitee ilmaan teetii fi ilmaan ilmaan teetiititti hin hinta. Isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e tanaan hin beettan» jedhe.
EXO 10:3 Maarre Muuse'ee fi Aaron gara mootichaa dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Ibrootaa, ‹Ati haga yoomii naaf ajajamuu didda? Kolbaan tiyya deentee akka na waaqonfattuuf gad lakkisi.
EXO 10:4 Ati kolbaa tiyya yoo gad lakkisuu didde, ani boru tuuta awwaannisaa biyya teetitti hin fida.
EXO 10:5 Awwaannisi sun haga latti mudhatiisa dhaddutti lafa hin golla. Waan diqqoo bokkeya dhaka'aa irraa hafe, muka diida keessatti quunxiisatti jirulle mara hin nyaata.
EXO 10:6 Mana keeti keessa, mana qondaaltota teetiitii fi mana worra Gibxootaa mara keessa hin guuta. Abbootiin teetii fi abbootiin abbootii teetii, lafa tanatti haga qubataneen jalqabanee haga adhaa, waan kana ijjumaa dhagganee hin beekanu› jedha» jedhane. Achiin duuba Muuseen mooticha biraa bayee deeme.
EXO 10:7 Qondaaltoti mootichaalle, mootichaan, «Haga yoomii namichi kun tiyyoo nu'utti te'a? Kolbaan tun deentee Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka waaqonfattuuf gad lakkisi; ati worri Gibxi'ii akka badane haga ammaa hin hubannee?» jedhaneen.
EXO 10:8 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron waamamanee gara mootichaa deebi'anee dhufane; inni isaaniin, «Dhaqa'aatii, Mootii Waan Maraa, Waaqa keessan waaqonfadha'a! Garuu worri dhaqu kun eennu fa'a?» jedhe.
EXO 10:9 Muuseelle deebisee, «Tun jila Mootii Waan Maraatiif jilifannu waan teeteef, nuuti ijoolle'ee fi jaarsolee teenna, ilmaanii fi ijoollee durraa teenna, hoole'ee fi re'ee teenna, loon keennalle fudhannee hin deenna» jedhe.
EXO 10:10 Mootichille, «Isin dubartootaa fi ijoollee teessan fudhattanee akka deentanu, ani yoo gad isin lakkise, Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatuu ti; isin garuu waan hantuu yaadattaneertan.
EXO 10:11 Waawwo'o! Ka isin gaafattane kanuma waan te'eef, worri dhiiraa callaan deemee Mootii Waan Maraa waaqonfatuu ti» jedhe. Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron mooticha biraa ari'amane.
EXO 10:12 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Awwaannisi biyya Gibxi'ii irratti dhufee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe maraa fi waan diida keessatti quunxiisatti jiru mara akka nyaatu harka keeti biyya Gibxi'ii irratti ol diriirsi!» jedhe.
EXO 10:13 Maarre Muuseen ulee ifii biyya Gibxi'ii irratti ol kaasee, guyya'aa fi halkan san Mootiin Waan Maraa qilleensi gara aduun baatuu lafa san irratti akka dhufu godhe; boruyyaa ganama qilleensi awwaannisa fide.
EXO 10:14 Awwaannisi sun bacatee dhufee, lafa Gibxi'ii maratti tuute. Balaan awwaannisaa ka akkasii tanaan qara ijjumaa mudhatee hin beeku; gara duraalle hin jiraatu.
EXO 10:15 Haga gurraachottutti awwaannisi sun lafa gollee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe mara, waan diida keessatti quunxiisatti jiru maraa fi midhaan muka irraa mara nyaate. Lafa Gibxi'ii mara irratti wonni magariis tokkolle hin hanne.
EXO 10:16 Mootichille Muuse'ee fi Aaron ariiti'iin waansisee, isaaniin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi isin irralle'etti cubbuu hujeera.
EXO 10:17 Amma yennaa tokko qofa cubbuu tiyya naaf araarama'a; balaa hamaa kana akka na irraa balleessuuf, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii naa daadimadha'a» jedhe.
EXO 10:18 Muuse'ee fi Aaronille mooticha biraa deemanee gara Mootii Waan Maraa daadimatane.
EXO 10:19 Mootiin Waan Maraa qilleensa gara qilleensa jabaa gara aduun seentuutitti jijjiiree, qilleensi sun Awwaannisa san oofee abbaayaa diintu'utti naqe. Biyya Gibxi'ii keessatti awwaannisi tokkolle hin hanne.
EXO 10:20 Mootiin Waan Maraa ammoo mooticha mataa jabeessee, mootichi akka deemanuuf Israa'eloota gad lakkisuu didate.
EXO 10:21 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dukkanti dimmi biyya Gibxi'iititti akka buutu, harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe.
EXO 10:22 Maarre Muuseen harka ifii gara gubba'aa ol kaasee, haga guyyaa sadii dukkanti dimmi biyya Gibxi'ii irratti buute.
EXO 10:23 Haga guyyaa sadii san nami tokkolle wol dhagguu hin dandeenne yookiin addee jiranu sanii hin kaane. Te'uu malee, latti Israa'elooti leetu marti ifa qaddiiyyu.
EXO 10:24 Achiin duuba Mootichi Muusee waamee, «Dhaqa'aatii Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a; dubartooti teessanii fi ijoolleen teessanille isin woliin dhaqanuu ti; hooleen, re'e'ee fi horiin keessan ammoo asitti hafanuu ti» jedhe.
EXO 10:25 Muuseen ammoo deebisee, «Ciinca'aa fi kennansa gubamu ka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu ati nu'uuf kenni ree.
EXO 10:26 Horiin keenna marti nu woliin dhaquu qaba; qenci tokkolle asitti hin hafu. Mootii Waan Maraa Waaqa kennaaf ka dhikeessinu isaan keessaa filanna; haga achi geennutti Mootii Waan Maraatiif ka dhikeessinu hin beennu» jedhe.
EXO 10:27 Mootiin Waan Maraa mooticha mataa jabeessee, mootichi akka isaan deemanu hin feene.
EXO 10:28 Mootichi Muuse'een, «Fuula kiyya duraa bayi! Deebitee fuula kiyya duratti akka hin mudhanne beekkadhu! Guyyaa fuula kiyya dhaggite, ati hin duuta!» jedhe.
EXO 10:29 Muuseelle deebisee, «Akkuma ati jette, ani deebi'ee fuula keeti duratti hin mudhadhu!» jedheen.
EXO 11:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani amma balaa tokko callaa mooticha Gibxi'iitii fi kolbaa isaa irratti hin fida; saniin duuba mootichi akka isin asii deentanu gad isin hin lakkisa; nami tokkolle adoo hin hafin isin maraayyuu hin ari'a.
EXO 11:2 Kolbaan Israa'elii marti ollaa ifii irraa meya meeti'iitii fi worqi'ii gaafatanee akka fudhatanu itti himi» jedhe.
EXO 11:3 Mootiin Waan Maraa worri Gibxi'ii akka Israa'eloota ulfeessanu godhe. Muuseelle biyya Gibxi'iititti, qondaaltota mootichaatii fi fuula kolba'aa mara duratti nama ulfinnaa te'e.
EXO 11:4 Maarre Muuseen mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Halkan wodhakkaa ani lafa Gibxi'ii mara keessa hin deddeema;
EXO 11:5 ilmaan angafooti Gibxi keessaa marti hin du'an; ilma angaficha mooticha barcumaa mootumma'aa irra tee'uun jalqabee haga ilmaan angafoota dubartoota garboolee daakuu daattuutitti, angafooti hori'iille martinuu hin du'an.
EXO 11:6 Biyya Gibxi'ii mara keessatti, iyyi wiiccifataa ka kanaan qara te'ee hin beenne yookiin ka gara duraalle hin teene hin te'a.
EXO 11:7 Namaa fi horii Israa'elootaatitti ammoo sareelle itti hin duttu; worra Israa'elootaatii fi worra Gibxi'ii oddu'utti Mootiin Waan Maraa garaagarummaa akka godhe kanaan hin beettan› jedheera» jedhe.
EXO 11:8 Muuseen, «Qondaaltoti teeti tun marti gara kiyya dhufanee, na duratti gad jedhanee, ‹Atii fi kolbaan si gula deentu martinuu deema'a!› jedhanee na hin kadhatan; saniin duuba ani hin deema» jedhe. Achiin duuba Muuseen aarii jaddu'uun mooticha biraa bayee deeme.
EXO 11:9 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bilbaasi kiyya biyya Gibxi'ii irratti akka bacatuuf, mootichi isin dhage'uu hin didata» jedheeraayyu.
EXO 11:10 Muuse'ee fi Aaronille fuula mootichaa duratti bilbaasota kana mara godhane; Mootiin Waan Maraa ammoo mooticha mataa waan jabeesseef, mootichi Israa'elooti biyya isaa keessaa akka bayanu gad hin lakkinne.
EXO 12:1 Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessatti Muuse'ee fi Aaroniin,
EXO 12:2 «Jiin kun ji'a qaraa, ji'a jalqaba wogga'aa isiniif te'uu ti.
EXO 12:3 Ji'a kana guyyaa kudhaneesso'ootitti, nami tokko tokkooyyuu maatii ifiitiif, buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee tokko akka qopheessu wolde'a Israa'eliititti himi.
EXO 12:4 Maatiin takka buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee san nyaatanee fixiisaaf laakkossi isaanii yoo diqqaate, nami sun ollaa ifii woliin akkuma laakkossa namoota maatii saniititti qoodamanuu ti; haga nami tokko nyaatuu dande'u shallaganee qoodamanuu ti.
EXO 12:5 Buruusoon sun korbeeyyii woggaa tokkoo ta fafa hin qanne te'anuu ti; isaan kana hoolee yookiin re'ee keessaa filadha'a.
EXO 12:6 Buruusoo san ji'a san keessa haga guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti tissitanee, guyyaa kudhanii arfeesso'oo galgala dimimmisa kolbaan Israa'elii marti qalattuu ti.
EXO 12:7 Achiin duuba isaan dhiiga diqqaa isaa fuudhanee, mana foon itti nyaatanu san mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu, mikikkila balbalaa ka gubba'aalle dibanuu ti.
EXO 12:8 Halkanuma san foon san ibiddatti woddanee baala hadhowuu fi daabboo uukoo hin qanne woliin nyaatanuu ti.
EXO 12:9 Foon dheedhii yookiin foon iffeelame hin nyaatina'a; mataa, manye'ee fi meya gadha'aa woliin ibiddatti wodda'aatii nyaadha'a.
EXO 12:10 Foon san irraa tokkolle haga bari'iititti hin hamburina'a; yoo hafe ibiddaan guba'a.
EXO 12:11 Jila irra dabaramaa ta ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattanu waan teeteef, yennaa nyaattanu, akka nama karaa deemiisaaf qophowee, woyaa uffadha'aa, kophee keyadha'aa, ulee teessan harkatti qabadha'aatii ariiti'iin nyaadha'a.
EXO 12:12 «Halkanuma san ani biyya Gibxi'ii keessa deddeemee, waan angafa te'e mara, ka namaatii fi ka hori'iille hin ijjeesa; waaqota biyya Gibxi'ii mara irratti hin mura. Ani Mootii Waan Maraa ti.
EXO 12:13 Mana isin keessa jirtanu irratti dhiigi beessisa isiniif hin te'a; ani yennaa dhiiga san dhagge, isin irra hin dabara; Yennaa biyyaa Gibxi'iititti balaa buusu, isin irratti balaan tokkolle hin bu'u.
EXO 12:14 «Guyyaan kun guyyaa yaadanno'oo isiniif te'uu ti. Dhaloota dhufuufille seerata bara baraa te'ee, ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattan.
EXO 12:15 «Guyyaa jila tanaa guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a; guyyaa jalqabaatii haga guyyaa torbeesso'oo nami daabboo uukoo qaddu nyaate Israa'el keessaa waan bawuuf, guyyaa tokkeesso'oo daabboo uukoo qaddu mana keessan keessaa balleessa'a.
EXO 12:16 Guyyaa tokkeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a. Guyyoota kana nami marti waan nyaatu qopheeffatuutii malee, hujii tokkolle hin hujina'a.
EXO 12:17 «Ani guyyaa kanatti kolbaa tiyya biyya Gibxi'ii keessaa waan baaseef, jila daabboo uukoo hin qannee jilifadha'a; guyyaa kana dhaloota dhufuufille seerata bara baraa godhadha'aatii eegadha'a.
EXO 12:18 Ji'a jalqabaa, guyyaa kudhanii arfeesso'oo galgala irraa jalqaddanee haga guyyaa diddamii tokkeesso'oo galgalaatitti daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a.
EXO 12:19 Haga guyyaa torbaa uukoon ijjumaa mana keessan keessatti hin dhaggamin; alagaa yookiin dhalataa biyyaalle yoo te'e, nami waan uukoo qabu nyaate kolbaa Israa'elii keessaa bayuu qaba.
EXO 12:20 Addee jirtanu maratti daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a malee, waan uukoo qabu hin nyaatina'a» jedhe.
EXO 12:21 Achiin duuba Muuseen jaarsolee Israa'elootaa mara waamee, «Ariifadha'aa dhaqa'aatii akka maatii maatii keessaniititti buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee filadha'aatii, Jila Irra Dabaramaatiif qaladha'a.
EXO 12:22 Baala muka hisoophii qabaa tokko fuudha'aatii, dhiiga qorii keessaatitti cuupha'aatii, mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu, mikikkila balbalaa ka gubba'aalle diba'a; haga ganamaatitti nami tokkolle mana ifiitii gad hin bayin.
EXO 12:23 Mootiin Waan Maraa balaa buusiisaaf, biyya Gibxi'ii keessa yennaa deddeemu, mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu irratti, mikikkila balbalaa ka gubba'aa irralle'etti dhiiga dhaggee, balbala san irra hin dabara. Ka balleessu sun mana keessan seenee akka isin ijjeesu itti hin lakkisu.
EXO 12:24 Isinii fi sanyiin teessan seerata haga bara baraa ka isiniif kenname kanaaf ajajamuu qaddan.
EXO 12:25 Lafa Mootiin Waan Maraa isinii kenniisaaf waadaa gale sanitti yennaa galtane seerata kana eegadha'a.
EXO 12:26 Ijoolleen teessan, ‹Jilti tun ta maanii ti inni?› jettee yennaa isin gaafattu,
EXO 12:27 isin ammoo, ‹Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii irratti balaa yennaa buuse, biyya Gibxi'ii keessatti mana Israa'elootaa irra dabaree, qe'ee teenna waan hambureef, ciincaa Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa ti› jedha'aan» jedhe. Achiin duuba kolbaan gad jettee sagadde.
EXO 12:28 Israa'elootille waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaron ajaje mara goote.
EXO 12:29 Halkan wodhakkaa Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessatti angafa te'anee ka dhalatane mara, ilma angaficha mooticha barcumaa mootummaa irra tee'uutii jalqabee, haga angafoota worra mana hidha'aa ka boollaa keessa jiruutii fi angafoota hori'ii mara ijjeese.
EXO 12:30 Halkan san mootichi, qondaaltoti isaatii fi worri biyya Gibxi'ii marti hirriibaa ka'ane; manni nami keessaa hin du'in tokkolle waan hin jirreef, biyya Gibxi'ii keessatti iyyi wiiccifataa te'e
EXO 12:31 Halkanuma san mootichi Muuse'ee fi Aaron waansisee, «Ka'a'a! Isinii fi Israa'elooti kolbaa tiyya keessaa baya'a! Akkuma jettane dhaqa'aatii Mootii Waan Maraa keessan waaqonfadha'a.
EXO 12:32 Akkuma jettane hoolee, re'e'ee fi loon keessan fudhadha'aatii deema'a. Analle eebbisa'a» jedhe.
EXO 12:33 Worri Gibxi'ii, «Nuuti martinuu hin dhumanna» waan jedhaneef, akka Israa'elooti biyya isaanii keessaa ariifatanee bayanu muddane.
EXO 12:34 Tanaaf Israa'elooti bukoo ifii uukoo adoo itti hin naqin meya bukoo itti bukeessanutti naqanee, woya'aan maranee, fuudhanee gurmu'utti kaafatane.
EXO 12:35 Israa'elooti akkuma Muuseen isaanitti hime, meya meeti'ii, meya worqi'iitii fi woyaa akka isaanii kennanu, worra Gibxi'ii gaafatane.
EXO 12:36 Mootiin Waan Maraalle worri Gibxi'ii Israa'eloota akka ulfeessanu waan godheef, waan isaan gaafatane mara isaaniif kennane; tanaaf Israa'elooti worra Gibxi'ii irraa qabeenna isaanii guuratanee bayane.
EXO 12:37 Israa'elooti Raamsesii ka'anee haga Suukootii deemane; isaan dubartootaa fi ijoollee maleenama kuma dhibba jaa.
EXO 12:38 Worri Israa'eloota hin te'in kolbaan hedduun, hooleen, re'e'ee fi loon baca'atti isaan woliin baye.
EXO 12:39 Isaan bukoo biyya Gibxi'iitii fudhatanee bayane saniin daabboo uukoo hin qanne bilcheeffatane; yennaa Gibxi keessaa bayanu ariiti'iin waan bayaneef, bukoo isaanii keessa uukoon hin jirtu; ideensa kara'aatiif galaa qopheeffatiisaafille yennaa dhabane.
EXO 12:40 Israa'elooti woggaa dhibba afurii fi soddoma biyya Gibxi'ii keessa le'ane.
EXO 12:41 Dhuma woggaa dhibba afurii fi soddomaa sanitti, kolbaan Mootii Waan Maraa marti biyya Gibxi'ii keessaa baate.
EXO 12:42 Mootiin Waan Maraa halkan biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase san waan isaan eegeef, halkan sun dhaloota Israa'elootaa mara keessatti ulfinna Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf, Israa'elooti marti eeddoo irra buluu qaban.
EXO 12:43 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, «Kun seerata Jila Irra Dabaramaa ti; nami ormaa sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaatin;
EXO 12:44 garbichi bitattane garuu haqanqabaa isa qaddaneen duuba nyaatuu dande'a.
EXO 12:45 Nami keessumma'aa yookiin tajaajilaan qaxarame ammoo nyaatuu hin dande'u.
EXO 12:46 «Sagalee san mana tokko keessatti nyaadha'a malee, foon san irraa tokkolle mana keessaa gad hin bayin; lafee foon sanii hin cassina'a.
EXO 12:47 «Kolbaan Israa'elii marti jila tana jilifatuu qaban;
EXO 12:48 Alagaan isin woliin le'u, jila Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattanu tana ka jilifatiisaaf barbaade, ilmaan isaa marti haqanqabaa qabatuu qaban; achiin duuba akka dhalataa biyyaa te'ee jila tanatti hirmaatuu ti. Nami haqanqabaa hin qabatin ammoo sagalee jila sanii hin nyaatin.
EXO 12:49 Seerri kun isinii fi alagaa isin woliin le'uufille tokkochuma te'uu ti» jedhe.
EXO 12:50 Israa'elooti marti waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaron ajaje mara godhane.
EXO 12:51 Mootiin Waan Maraa guyyuma san gumii kolbaa Israa'elii mara biyya Gibxi'ii keessaa baase.
EXO 13:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
EXO 13:2 «Waan angafa te'ee dhalate mara naaf adda baasi. Israa'eloota keessatti ka gadaamessa saaqe, ka namaatii fi ka hori'iille kiyya te'uu ti» jedhe.
EXO 13:3 Achiin duuba Muuseen kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa, irree jaddu'uun achi keessaa waan isin baaseef, lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa guyyaa baatane kana qaabadha'a. Guyyaa kana waan uukoo qabu hin nyaatina'a.
EXO 13:4 Guyyaa adhaa, ji'a ‹Abiib› jedhamu keessa biyya Gibxi'ii keessaa bayaartan.
EXO 13:5 Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta inni isinii kenniisaaf, abbootii teessan ta duriitiif waadaa gale lafa kana'aanotaa, lafa Heetotaa, lafa Amoorotaa, lafa Hiiwotaatii fi lafa Yibusootaa sanitti yennaa galtane, ji'a kana keessa jila tana jilifattan.
EXO 13:6 Guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaattanee, guyyaa torbeesso'oo ulfinna Mootii Waan Maraatiif jila jilifattan.
EXO 13:7 Guyyaa torbaan kana daabboo uukoo hin qanne nyaattan; daabboon uukoo qaddu adaala lafa teessanii keessa eessalle hin jiraatin.
EXO 13:8 Guyyaa san isin, ‹Kun yennaa nuuti biyya Gibxi'ii keessaa baane waan Mootiin Waan Maraa nu'uuf godhe› jettanee ilmaan teessanitti hintan.
EXO 13:9 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa waan isin baaseef, seerri Mootii Waan Maraa afaan keessanii akka hin buune, akka beessisa harka keessan irraatii fi akka yaadannoo adda keessan irraa isinii hin te'a.
EXO 13:10 Seera jila tanaa eegadha'aatii guyyaa isaaf murteeffame sanitti wogguma wogga'aan jilifadha'a.
EXO 13:11 «Mootiin Waan Maraa akkuma isinii fi abbootii teessan ta duriitiif waadaa gale lafa Kana'aanotaa sanitti isin galchee, yennaa isiniif kenne,
EXO 13:12 ilmaan angafoota gadaamessa haadhaa saaqane mara, horii keessalle'ee kormaa fi korbeessa ka matooma dhalate Mootii Waan Maraatiif kenna'a.
EXO 13:13 Harree wodala ka matooma dhalate mara ammoo buruusoo korbeessa hoole'eetiin wodadha'a; yoo wodatiisa dhaddane morma isaa cassa'a. Ilmaan teessan ta angafa dhalatte mara wodadha'a.
EXO 13:14 «Hegeri ilmi keeti, ‹Wonni ati tolchitu kun maan› jedhee yoo si gaafate, tokko tokkoon keessan, ‹Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin lafa garbumma'aa biyya Gibxi'ii keessaa nu baase.
EXO 13:15 Mootichi biyya Gibxi'ii mataa jabaatee yennaa gad nu lakkisuu dide, Mootiin Waan maraa ammoo, waan angafa te'ee biyya Gibxi'ii keessatti dhalate, ka namaatii fi ka hori'ii mara ijjeese. Tanaaf horii keessaa angafa te'ee ka dhalate, kormaa fi korbeessa mara Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessinee, ilmaan angafoota ammoo wodanna› jedha'aa itti hima'a.
EXO 13:16 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa waan nu baaseef, akka beessisa harka keeti irraatii fi akka yaadannoo adda keeti irraa si'iif hin te'a jedhiin» jedhe.
EXO 13:17 Mootichi biyya Gibxi'ii kolbaan akka deentuuf yennaa gad lakkise, Waaqi, «Lolli yoo isaanitti ka'e kolbaan tun yaada ifii jijjiirattee, gara biyya Gibxi'ii deebiti» jedhee waan yaadeef, karaa lafa Filisxeemotaatiin isaan hin sooressine.
EXO 13:18 Tanaaf Waaqi akka kolbaan karaa lafa goomole'ee keessa dabartee gara abbaayaa diintu'uu geessu irra martee akka ideentu godhe. Israa'elootille lolaaf qophowanee, biyya Gibxi'ii keessaa bayane.
EXO 13:19 Yoseef, «Waaqi dhugumaan isin hin yaadata; achiin duuba isin lafee tiyya fuudha'aa asii baya'a» jedhee Israa'eloota waan kakachiiseeruuf, Muuseen lafee Yoseefii fuudhee baye.
EXO 13:20 Israa'elooti Suukootii ka'anee, irga goomolee Etaamiititti qubatane.
EXO 13:21 Akka isaan halkanii fi guyyaa deemuu dande'anu, Mootiin Waan Maraa guyyaa utubaa duumensaatiin isaan sooressaa, halkan utubaa ibiddaatiin ifa isaaniif issaa isaaniin dura deeme.
EXO 13:22 Guyyaa utubaan duumensaa, halkan utubaan ibiddaa kolbaa duraa yennaan dhabame hin jiru.
EXO 14:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
EXO 14:2 «Israa'elooti deebi'anee Phiihahiirot bira, wodhakkaa Miigdoliitii fi abbaayaa diintu'uu, fuullee Ba'aal-Zefonii qarqara abbaaya'aa akka qubatanu itti himi.
EXO 14:3 Mootichi Gibxi'ii, ‹Goomoleen karaa wollaalchittee, Israa'elooti joonjanee lafa keessa maran› jedhee hin herrega.
EXO 14:4 Ani mataa isaa waan jabeessuuf, inni isaan hin hordofa; ani ammoo mootichaa fi loltoota isaa mara irratti ulfinna hin dhaggadha; worri Gibxi'iille akka ani Waaqa te'e kanaan beekan» jedhe. Israa'elootille akkuma isaanitti himame godhane.
EXO 14:5 Kolbaan akka baqattee baate mooticha Gibxi'iititti yennaa himane, innii fi qondaaltoti isaa yaada jijjiiratanee, «Kolbaan Israa'elii nu'uuf hujiisa lakkisanee akka deemanu tolchuun keenna kun maan?» jedhane.
EXO 14:6 Maarre mootichi garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi loltoota ifii qopheeffate.
EXO 14:7 Inni garreettaa fardaan harkifamu ka filame dhibba jaa, garreettaa fardaan harkifamu ka worra Gibxi'ii ka dhibiille ajajjoota isaanii woliin fudhatee ka'e.
EXO 14:8 Mootiin Waan Maraa mooticha mataa jabeessee, Israa'eloota irree jaddu'uun bayiisatti jiranu hordofe.
EXO 14:9 Worri Gibxi'ii, abbootiin fardaa ta mootichaatii fi garreettaan fardaan harkifamu ka mootichaa, abbootiin fardaa ta dhibi'ii fi loltooti miilaa isaan hordofanee, fuullee Ba'aal-Zefonii abbaayaa diintuu qarqara, Phiihahiirot bira qubataneeranuun isaan dhaqqabane.
EXO 14:10 Mootichii fi loltooti isaa isaan hordofanee akka itti dhikaatane dhagganee, Israa'elooti guddoo sodaatanee gara Mootii Waan Maraa iyyane.
EXO 14:11 Isaan Muuse'een, «Biyya Gibxi'ii keessa addeen awwaalaa waan hin jirreef goomolee keessatti akka dhumannuuf as nu fiddee? Biyyaa Gibxi'ii keessaa nu baattee wonni ati nu tolchite kun maan?
EXO 14:12 Nuuti biyya Gibxi'ii keessatti, ‹Goomolee keessatti du'iisaa manna, worra Gibxi'iitiif garboota teenee akka tajaajillu, nu lakkisi› ta si'iin jenne tanaafii motii?» jedhane.
EXO 14:13 Muuseelle deebisee, «Worra Gibxi'ii ka adha dhaggitanu kana deebitanee lammeessoo waan hin dhaggineef, hin sodaatina'a; jabaadha'aatii dhaabbadha'a; adha Mootiin Waan Maraa isin baasiisaaf, waan inni tolchu ilaala'a.
EXO 14:14 Mootiin Waan Maraa isiniif waan loluuf itita'a» jedhe.
EXO 14:15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Isin maaf gara kiyya iyyitan? Isaan gara duraa akka deemanu Israa'elootatti himi.
EXO 14:16 Ati ammoo ulee teeti fudhadhuutii, harka keeti abbaayaa irra diriirsi; akka Israa'elooti abbaayaa keessa lafa godduu irra gamatti bu'anu, bisaan gargar kuti.
EXO 14:17 Gibxooti akka Israa'eloota gula seenanu ani gadhaa isaanii hin jabeessa. Ani mootichaa fi loltoota isaa mara irratti, garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaa irratti ulfinna hin dhaggadha.
EXO 14:18 Yennaa ani mooticha irratti, garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaa irratti ulfinna dhaggadhe, worri Gibxi'ii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe.
EXO 14:19 Ergamaan waaqaa ka Israa'elootaan dura deemaa ture, duubatti dabaree isaaniin duuba deeme; utubaan duumensaalle duubatti dabaree dhaabbatee,
EXO 14:20 worra Gibxi'iitii fi Israa'eloota odduu seenee, halkan san duudii mogguu Israa'elootaatitti ifa kennee, mogguu Gibxootaa ammoo dukkaneesse.
EXO 14:21 Muuseelle harka ifii abbaayaa irra diriirse; Mootiin Waan Maraa ammoo halkan guutuu qilleensa jabaa gara aduun baatuu kaasee abbaayaa gara duubaa deebisee, bisaan gargar kutee, lafa godduu tolche.
EXO 14:22 Israa'elootille bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka'aa te'ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane.
EXO 14:23 Worri Gibxi'iille fardoolee mootichaatiin, garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa maraan isaan ari'anee, isaan gula abbaayaa odduu seenane.
EXO 14:24 Yennaa latti bariite Mootiin Waan Maraa utubaa ibiddaatii fi duumensa keessaa loltoota worra Gibxi'ii gad ilaalee, akka isaan gara itti goranu wollaalanu godhe.
EXO 14:25 Korboo garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii akka dhaabbattu godhe. Worri Gibxi'iille, «Mootiin Waan Maraa isaaniif jedhee, nu worra Gibxi'ii loliisatti waan jiruuf, kowa'a Israa'eloota duraa baqanna» jedhane.
EXO 14:26 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bisaan worra Gibxi'ii irra, garreettaa isaanii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta isaanii irra akka garagaluuf, harka keeti abbaayaarra diriirsi» jedhe.
EXO 14:27 Muuseelle harka ifii abbaayaarra diriirse; abbaayaalle ganama addee ifiititti deebite. Worri Gibxi'ii isii duraa gara duubaa baqate. Mootiin Waan Maraa akka isaan abbaayaa keessatti hafanu godhe.
EXO 14:28 Bisaan sun adde'etti deebi'ee garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa, loltoota mootichaa mara worra Israa'eloota gula gara abbaaya'aa seenane mara liqinse; isaan keessaa nami tokkolle hin hanne.
EXO 14:29 Israa'elooti ammoo bisaan middaa fi bitaa isaaniititti akka dalleya dhaka'aa te'ee dhaabbateeruun lafa godduu irra abbaayaa keessa qaxxaamurane.
EXO 14:30 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Israa'eloota harka worra Gibxi'ii jalaa baase; Israa'elootille reeffa worra Gibxi'ii ka abbaayaa qarqara ciisu dhaggane.
EXO 14:31 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin worra Gibxi'ii irratti waan huje yennaa dhaggane, Israa'elooti Mootii Waan Maraa sodaatanee, isaa fi Muusee tajaajilaa isaatitti addatane.
EXO 15:1 Achiin duuba Muuse'ee fi Israa'elooti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarfatanee, «Mootiin Waan Maraa abbootii fardaatii fi fardoo isaanii abbaaya'atti naqee, ulfinna waan dhaggateef, ani isaaf hin faarfadha.
EXO 15:2 Mootiin Waan Maraa jabeenna naa te'ee, akka faarfadhu na tolcheera; inni fayyinna naa te'eera. Inni Waaqa kiyya; anille isa hin leellifadha; Waaqa abbaa kiyyaa, ani isa hin saadadha.
EXO 15:3 Mootiin Waan Maraa lolticha goota; Maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.
EXO 15:4 Inni garreettaa mootichaa ka fardaan harkifamuu fi loltoota isaa abbaaya'atti naqe; qondaaltoti mootichaa worri filamane abbaayaa diintuu keessatti liqinfamane.
EXO 15:5 Bisaan qileen isaan irra garagale; akka dhaka'aa abbaaya'atti gad lixane.
EXO 15:6 «Ee Mootii Waan Maraa, harki keeti middichi, hunnaan arnya qaba. Ee Mootii Waan Maraa, harki keeti middichi diinota butuche.
EXO 15:7 Guddinna arnya keetiitiin worra si mormu balleessite. Mufii teeti ta akka ibiddaa bobeettu itti ergitee, akka huuraa isaan muxuqi goote.
EXO 15:8 Hafuura funnaan keetiitiin, bisaan tuulame. Bisaan yaa'u akka dalleya dhaka'aa dhaabbate; bisaan qile'ee abbaayaa wodhakka'atti itite.
EXO 15:9 «Diinni kooree, ‹Ani isaan hin ari'a; isaan hin qaba; booji'ee karra isaanii hin qoodama; waan fedhe mara irraa hin fudhadha. Shallaagaa kiyya hin buqqifadha; harki kiyyalle isaan hin balleessa› jedhe.
EXO 15:10 Ati ammoo hafuura keeti itti baafannaan, abbaayaani isaan irra garagaltee, akkuma sibiilaa bisaan jabaa keessatti liqinfamane.
EXO 15:11 «Ee Mootii Waan Maraa, waaqota keessaa ka akka keetii eennu? Ka arnya woyyumma'aa qabu, ka ulfinnaan sodaatame, ka bilbaasa huju, ka akka keetii eennu?
EXO 15:12 Ati harka keeti middicha diriirsitee, latti isaan liqinsite.
EXO 15:13 «Ati jaalala keeti ka bara baraatiin kolbaa wodatte hin sooressita; jabeenna keetiin gara addee woyyitti'ii isaan hin geessita.
EXO 15:14 Gosi biyya adda addaa dhageettee hin hollatti; worri biyya Filisxeemotaalle hin muddaman.
EXO 15:15 Bulchitooti Edoomii hin bararaqan; Sooressitooti Mo'aabii sodaatanee hin romman; kolbaan Kana'aaniille hin sheephitti.
EXO 15:16 Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teetiif haga dabartutti kolbaan ati wodatte haga dabartutti hunna irree teetiitiin isaan akka dhaka'aa hin cadhisan; bararaqii fi naasuun isaanitti hin buuti.
EXO 15:17 Ee Mootii Waan Maraa, addee woyyittii teetitti Ee Gootta'a, addee harki keeti ijaare sanitti isaan galchitee, lafa teeti kooba gubbaa irratti isaan hin qubachiitta.
EXO 15:18 Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha» jedhane.
EXO 15:19 Fardoon, garreettaan fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta mootichaa abbaayaa keessa yennaa timane, Mootiin Waan Maraa bisaan abbaaya'aa isaan irra garagalchee, Israa'elooti ammoo abbaayaa keessa lafa godduu irra ideemanee qaxxaamurane.
EXO 15:20 Achiin duuba Miiriyamiin raagittiin, obboleettiin Aaronii, dibbee fudhattee baatee, dubartooti martinuu dibbee dhowaa, sirbaa isii gula yaa'ane.
EXO 15:21 Miiriyamille, faarfattee, isaaniin «Inni akka malee waan saadameef, Mootii Waan Maraatiif faarfadha'a. Inni fardo'oo fi abbootii fardo'oo abbaaya'atti naqeera» jette.
EXO 15:22 Achiin duuba Muuseen kolbaa Israa'elii abbaayaa diintu'uu kaasee, gara lafa goomole'ee Shuur geesse. Isaan guyyaa sad bisaan adoo hin dhaggatin goomolee keessa deemane.
EXO 15:23 Isaan yennaa gara Maaraa dhufane, bisaan Maaraa sun waan hadhowuuf, uniisa hin dandeenne. Tanaaf maqaan addee sanii, «Maaraa» jedhame.
EXO 15:24 Maarre kolbaan, «Maan unna?» jettee Muuse'etti gungunte.
EXO 15:25 Achiin duuba Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, Mootiin Waan Maraa muka tokko itti mudhise; innille muka san bisaanitti qolaansee, bisaan sun tole. Achitti Mootiin Waan Maraa seerataa fi seera isaaniif kennee, achumatti haga isaan ilaale.
EXO 15:26 Inni, isaaniin, «Isin qoonqoo ana Mootii Waan Maraa ta Waaqa keessanii miidhassitanee yoo caqattane, fuula kiyya duratti waan sirrii te'e yoo tolchitane, ajaja kiyya yoo qalbeeffattane, seerata kiyya maralle yoo eegattane, dhukkuba worra Gibxi'iititti fide mara tokkolle isinitti hin fidu; ani Mootii Waan Maraa ka isin fayyisu» jedhe.
EXO 15:27 Achiin duuba isaan Eliim addee maddi kudhanii lamaa fi muki meexxi'ii torbaatam jiru dhufanee, achi bisaan bira qubatane.
EXO 16:1 Kolbaan Israa'elii marti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba, ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'oo, Eliimii ka'anee gara goomolee Siinii ta Eliimii fi gaara Siina'aa wodhakkaa jirtuu dhufane.
EXO 16:2 Kolbaan Israa'elii marti goomolee san keessatti Muuse'ee fi Aaronitti gungumanee,
EXO 16:3 isaaniin, «Achi biyya Gibxi'ii keessatti okkotee foonii cinaa teennee, daabbo'oo fi foon haga feene nyaataa harka Waaqaatitti adoo dhumannee nuu woyya. Isin ammoo kolbaa duudii goomolee tana keessatti beelaan fixiisaaf as fiddane» jedhane.
EXO 16:4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo ani amma sagalee ol gubbaa irraa gad isiniif roobisiisa; kolbaalle gad baatee, guyyuma guyya'aan ta guyyaa tokkoof teetu qofa guurattuu ti. Ani tanaan akka isaan ajaja kiyya eegatanu haga isaan ilaala.
EXO 16:5 Guyyaa jayeesso'oo, ka qara guyyaa tokkoof guuratanu san harka lama guuratanuu ti» jedhe.
EXO 16:6 Maarre Muuse'ee fi Aaronille Israa'eloota maraan, «Biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase Mootii Waan Maraa akka te'e, galgala adhaa hin beettan;
EXO 16:7 Inni gungunsuu isin isa irratti gunguntane waan dhage'eef, boru ganama ulfinna Mootii Waan Maraa hin dhaggitan; nuuti womaa moti; isa irratti gunguma'a malee, nu irratti hin gungumina'a» jedhane.
EXO 16:8 Achiin duuba Muuseen, «Mootiin Waan Maraa gungunsuu isin isa irratti gunguntane waan dhage'eef, galgala foon isin nyaattanu, ganama daabboo isin barbaaddanu mara yennaa isinii kenne, akka inni Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Nuuti womaa moti; isin isa irratti gunguntane malee, nu irrattii moti» jedhe.
EXO 16:9 Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Kolbaa Israa'elii maraan, ‹Mootiin Waan Maraa gungunsuu teessan waan dhage'eef, fuula isaa dura dhikaadha'a› jedhiin» jedhe.
EXO 16:10 Aaron kolbaa Israa'elii maratti adoo dubbatiisatti jiruu, isaan gara goomole'ee ilaalanee, achitti ulfinni Mootii Waan Maraa duumensa keessatti mudhate.
EXO 16:11 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
EXO 16:12 «Ani gungunsuu Israa'elootaa dhage'eera. Ati isaaniin ‹galgala adhaa dimimmisa foon hin nyaattan; ganama daabboo hin quuttan; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e hin beettan› jedhiin» jedhe.
EXO 16:13 Galgala san barbadi-kille dhuttee addee quttumaa guutte; ganama fixeensi adaala addee quttumaa san jiraayyu.
EXO 16:14 Yennaa fixeensi bu'e, solloqqeen hephelleen dhakaa roobaa fakkaattu, diida lafa goomole'ee irratti mudhatte.
EXO 16:15 Israa'elooti yennaa waan san dhaggite, maan akka te'e waan hin beenneef, «Wonni kun maan inni?» jedhanee wol gaafatane. Muuseen isaaniin, «Wonni kun akka isin nyaattanuuf, daabboo Mootiin Waan Maraa isiniif kenne.
EXO 16:16 Mootiin Waan Maraa, ‹Tokko tokkoon keessan haga isiniif barbaachisu guuradha'a. Nama dunkaanii teessan keessa jiru tokko tokkoofuu Omeera tokko fuudha'a› jedhee ajajeera» jedhe.
EXO 16:17 Israa'elootille akkuma isaanitti himame tolchane; gariin bacaa, gariin diqquma guuratane;
EXO 16:18 yennaa safaratane, ka bacaa guurrateef irraa hin hanneef; ka diqqeessee guurateefille irraa hin dhidhanne; nami tokko tokkooyyuu haguma isaaf barbaachise guurate.
EXO 16:19 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Nami tokkolle waan guurate san boruuf hin bulfatin» jedhe.
EXO 16:20 Te'uu malee worri gariin jecha Muuse'ee dhageettaa didee, waan guurate san irraa boruuf bulfate; wonni sun ammoo corroqottee ajootte; Maarre Muuseen isaanitti aare.
EXO 16:21 Ganama ganama nami martinuu haga nyaataaf isaanii barbaachisu guuratane; yennaa aduun o'ite wonni sun baxxe.
EXO 16:22 Guyyaa jayeesso'oo nami martinuu litirii lama, dachaa lama guurate; sooressitooti kolba'aa gara Muuse'ee dhufanee waan kana isatti himane;
EXO 16:23 innille deebisee isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, guyyaan boruu isaaf woyyoomee guyyaa fooraa akka te'u ajajeera; tanaaf adhuma waan bilcheeffattanu bilcheeffadha'a, waan iffeelattanulle iffeeladha'a; waan hafe haga boru ganamaatitti maffadha'a» jedhe.
EXO 16:24 Isaanille akkuma Muuseen ajaje haga ganamaatitti maffatane; wonni sunille hin ajoonne yookiin hin corroqoonne.
EXO 16:25 Muuseen, «Adha kanuma nyaadha'a; sababille guyyaan adhaa Sanbata guyyaa fooraa ka Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan te'eef, waan nyaattanu kana adha tokkolle lafa irratti hin dhaggitanu.
EXO 16:26 Guyyaa jaa waan nyaataa kana guuradha; guyyaan torbeesso'oo, guyyaa fooraa Sanbata ammoo wonni tokkolle hin jiraattu» jedhe.
EXO 16:27 Te'uu malee, guyyaa torbeesso'oo san worri gariin waan nyaatanu san guuratiisaaf yaa'ane; ammoo waan tokkolle hin dhagganne.
EXO 16:28 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Isin haga yoomii ajajaa fi seerata kiyya eegatuu diddan?
EXO 16:29 Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa fooraa Sanbata akka isiniif kenne qalbeeffadha'a; tanaaf ani gaafa guyyaa jayeesso'oo waan nyaattanu ta guyyaa lamaa isiniif kenne. Guyyaa torbeesso'oo eennulle addee jiru turuu ti malee, qe'ee ifiitii hin bayin» jedhe.
EXO 16:30 Maarre guyyaa torbeesso'oo kolbaan foorfatte.
EXO 16:31 Kolbaa Israa'elii waan nyaatanu saniin «Mannaa» jette. Wonni sun adii akka midhaan dinbilaalaa, mi'aan isaalle akka daabboo dammaan hujantee ti.
EXO 16:32 Muuseen, «Mootiin Waan Maraa, ‹Biyya Gibxi'ii keessaa yennaa isin baase, lafa goomole'ee keessatti mannaa isin nyaachisaa ture kana, dhalooti dhufulle akka dhagguuf, mannaa kana irraa Omeerii tokko massa'a› jedhee ajajeera» jedhe.
EXO 16:33 Maarre Muuseen Aaroniin, «Okkotee fuudhiiti, mannaa litirii tokko itti naqi. Achiin duuba fuula Mootii Waan Maraa duratti, dhaloota dhufuuf massi» jedhe.
EXO 16:34 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, Aaron mannaa san Saanduqa Gondooro'oo duratti masse.
EXO 16:35 Israa'elooti lafa itti qubatane Kana'aan haga geyanutti woggaa afurtama mannaa nyaatane.
EXO 16:36 Omeeriin tokko eefaa harka kudhan keessaa harka tokko.
EXO 17:1 Kolbaan Israa'elii marti akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje goomolee «Siin» jedhantuu ka'anee, addee takka irraa gara addee takkaa adoo deddeemanuu, lafa «Refiidiim» jedhantu qubatane; addee san ammoo bisaan unanu hin jiru.
EXO 17:2 Tanaaf isaan «Bisaan unnu nuuf kenni» jedhanee Muuse'etti moromaa kaasane. Muuseen deebisee, «Isin maaf moromaa natti kaachan? Mootii Waan Maraalle maaf haga ilaaltan?» jedhe.
EXO 17:3 Kolbaan ammoo akka malee dheebottee, «Nuuti, ijoolleen teennaa fi horiin keenna dheebu'uun akka dhumannuuf ati biyya Gibxi'ii keessaa nu baattee?» jedhanee Muuse'een wol dhabane.
EXO 17:4 Achiin duuba Muuseen, «Ani kolbaa tana maan godha? Kunoo isaan dhaka'aan na tumiisaaf qopheeffataneeran» jedhee, gara Mootii Waan Maraa iyye.
EXO 17:5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota kolbaa Israa'elii keessaa garii fudhadhuutii, ulee teeti ta laga Nayiliitiin dhoottelle qabadhuutii, kolba'aan dura deemi.
EXO 17:6 Anille gaara Siina'aatitti rassaa irra si dura hin dhaabbadha; ati rassaa san hin dhootta; akka kolbaan untuuf, bisaan rassaa san keessaa hin burqa» jedhe. Muuseelle sooressitoota Israa'elii duratti akkasuma godhe.
EXO 17:7 Israa'elooti, «Mootiin Waan Maraa nu woliin jira moo hin jiru?» jedhanee, moromaa waan kaasaneef, Muuseen maqaa addee sanii, «Mariibaa» jedhee moggaase; Mootii Waan Maraalle haga waan ilaalaneef, inni maqaa addee sanii, «Maasaa» jedhee moggaase.
EXO 17:8 Amaaleqooti Refiidiim dhuttee Israa'eloota lolte.
EXO 17:9 Muuseelle Iyaasu'uun, «Namoota keenna keessaa filiitii dhaqii Amaaleqoota loli. Anille ulee Waaqi akka ani bilbaasa ittiin hojjadhuuf naaf kenne qabadhee kooba gubbaa hin dhaabbadha» jedhe.
EXO 17:10 Iyaasuulle akkuma Muuseen isa ajaje dhaqee Amaaleqoota lole; Muuseen, Aaronii fi Huur kooba gubba'atti ol bayane.
EXO 17:11 Yennaa Muuseen harka ifii ol kaase, Israa'elooti injifataa turte; yennaa inni harka ifii gad buufate ammoo Amaaleqooti injifataa turte.
EXO 17:12 Harki Muuse'ee yennaa dadhabu, Aaronii fi Huur dhakaa fidanee isa jala keyane; innille irra tee'e. Tokko gara middaatiin, kuun gara bita'aatiin haga aduun seentutti, harki isaa akka gad hin buune kiphane.
EXO 17:13 Akka kanaan Iyaasuun shallaaga'aan Amaaleqoota injifate.
EXO 17:14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Yennaa maraaf qaabbii akka teetu dabarsii injifannoo tanaa kitaaba maramaa kana irratti barreessi. Anille Amaaleqoota ijjumaa lafa irraa akka balleessu Iyaasu'utti himi» jedhe.
EXO 17:15 Muuseen addee ciinca'aa ijaaree, «Mootiin Waan Maraa baandiraa kiyya» jedhee moggaase.
EXO 17:16 Itti dabaleelle, «Harki kiyya gara barcumaa mootumma'aa ka Mootii Waan Maraa waan diriirfameeruuf, Mootiin Waan Maraa dhalootaa haga dhalootaatitti Amaaleqoota hin lola» jedhe.
EXO 18:1 Hayyichi worra Miidiya'aa Yetro, abbaan sodda'aa ka Muuse'ee, waan Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi kolbaa Israa'eliitiif godhe, attam akka inni biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase dhage'e.
EXO 18:2 Muuseen niitii ifii Siiforaa ifi biraa deebiseen duuba, abbaan sodda'aa ka isaa isi'ii fi ilmaan isi'ii lamaan ta isiin Muuse'eef deette gara ifii fudhate; maarre Muuseen, «Ani biyya ormaatitti alagaa te'eera» jedhee, ilma ifii angaficha, «Gershoom» jedhee maqaa baase.
EXO 18:4 Ilma lammeesso'oolle, «Waaqi abbaa kiyyaa, qarqaaraa kiyya; shallaagaa mooticha Gibxi'ii jalaa na baaseera» jedhee, maqaa isaa, «Elii'ezer» jedhee baase.
EXO 18:5 Abbaan sodda'aa ka Muuse'ee Yetro, niitii Muuse'eetii fi ilmaan isaa lamaan woliin goomolee keessa, gaara woyyicha bira addee inni qubateerutti, gara Muuse'ee dhaqe.
EXO 18:6 Yetro, «Ani abbaan keeti ka sodda'aa Yetro, niitii teetii fi ilmaan isi'ii lamaan woliin gara keeti dhufiisatti jira» jedhee, itti erge.
EXO 18:7 Maarre Muuseen abbaa soddaa ifii qophatiisaaf, gad bayee, isaaf sagadee, sunqate; isaan nageya wol fuudhanee, achiin duuba gara dunkaani'ii ol seenane.
EXO 18:8 Achiin duuba Muuseen marroo waan Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif jedhee, mooticha Gibxi'iitii fi kolbaa Gibxi'ii irratti huje, rakkinna karaa irratti isaan dhaqqabe mara, Mootiin Waan Maraa attam akka isaan baaselle abbaa soddaa ifiititti hime.
EXO 18:9 Abbaan sodda'aa ka isaa Yetro, Mootiin Waan Maraa harka worra Gibxi'ii keessaa isaan baasiisaan, waan dansaa inni Israa'elootaaf godhe maratti gammadee,
EXO 18:10 «Mootiin Waan Maraa ka harka mooticha Gibxi'iitii fi worra Gibxi'ii jalaa isin baase, ka harka worra Gibxi'ii jalaa kolbaa baase leellifamuu ti.
EXO 18:11 Worra Gibxi'ii ka Israa'eloota kooraan rakkise irratti inni waan kana waan tolcheef, akka Mootiin Waan Maraa waaqota mara caalu ani amma beeke» jedhe.
EXO 18:12 Achiin duuba abbaan sodda'aa ka Muuse'ee, kennansa gubamuu fi ciincaa dhibii Waaqaaf fide; Aaron jaarsolee Israa'elootaa mara woliin abbaa sodda'aa ka Muuse'ee woliin Waaqa duratti sagalee woyyittii san nyaatiisaaf dhufe.
EXO 18:13 Guyyaa itti aanu Muuseen kolba'aaf muraa kenniisaaf tee'e; isaanille ganamaa haga galgalaatitti isa marsanee dhaabbatane.
EXO 18:14 Abbaan sodda'aa ka isaa, waan inni kolba'aaf tolchiisatti jiru yennaa dhagge, «Wonni ati kolba'aaf tolchiisatti jirtu kun maan? Kolbaan tun marti ganamaa haga galgalaatitti si marsitee dhaabbattuun, ati abbaa mura'aa teetee, maaf qofi teetta?» jedhee gaafate.
EXO 18:15 Muuseen deebisee abbaa sodda'aa ka ifiitiin, «Kolbaan fedha Waaqaa gaafatiisaaf, gara kiyya waan dhuttuuf, ani tana godhe.
EXO 18:16 Isaan yennaa wol dhabane na bira dhufan; isaan keessaa ka dhugaa irra jiru murteessee, seerataa fi seera Waaqaa itti hima» jedhe.
EXO 18:17 Achiin duuba abbaan sodda'aa ka Muuse'ee Yetro deebisee, «Wonni ati tolchiisatti jirru dansa'aa moti.
EXO 18:18 Atii fi kolbaan gara keeti dhuttulle ifi eleessiisatti jirtan; hujiin tun guddoo ulfaattu'u. Ati qofii teeti hujii tana hujuu hin dandeettu.
EXO 18:19 Ani amma gorsa tokko si'iif kenna na caqasi; Waaqi si woliin jiraatuu ti. Ati kolbaa bakka bu'iitii haajaa isaanii Waaqa dura dhikeessi.
EXO 18:20 Ati Seerataa fi seera Waaqaa isaan barsiisi; karaa isaan deemanuu fi waan isaan hujanu itti mudhisi.
EXO 18:21 Garuu kolbaa mara keessaa namoota dandeettii qabanu, ka Waaqa sodaatanu, ka addatamummaa qabanuu fi ka safuu fudhatiisa hin jaalanne filiitii, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa, ajajjoota kudhanii tolchii muudi.
EXO 18:22 Isaan yennaa mara kolba'aaf muraa kennanuu ti; waan isaan dhibe gara keeti fidanuu ti. Waan kasoo isaanummaan murteessanuu ti. Isaan hujii waan si qarqaaranuuf, ba'aan si irraa hin sallatti.
EXO 18:23 Ati yoo tana goote, Waaqille tanuma yoo si ajaje, ati hin eloottu; kolbaalle haajaa ifii guutattee gara mana ifii hin deebiti» jedhe.
EXO 18:24 Maarre Muuseen gorsa abbaa sodda'aa ka ifii dhage'ee, waan inni jedhe mara godhe.
EXO 18:25 Inni Israa'eloota keessaa worra dandeettii qabu filee, sooressitoota kolba'aa akka te'anu, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaatii fi ajajjoota kudhanii tolchee baallii isaaniif kenne.
EXO 18:26 Isaan abbootii mura'aa te'anee kolbaa tajaajilane; haajaa isaan dhibe gara Muuse'ee fidanee, haajaa kasoo te'e ammoo ifumaaf murteessane.
EXO 18:27 Achiin duuba Muuseen abbaa sodda'aa ka ifii Yetro geegessee, abbaan sodda'aa ka isaa Yetro gara biyya ifii deebi'e.
EXO 19:1 Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa bayanee, ji'a sadeesso'oo guyyaa tokkeesso'oo goomolee Siina'aa geyane.
EXO 19:2 Isaan Refiidiimii ka'anee goomolee Siina'aa keessa, fuullee gaara Siina'aa achi qubatane.
EXO 19:3 Achiin duuba Muuseen gara Mootii Waan Maraa gaaratti ol baye. Waaqille gaara gubba'aa Muusee waamee, «Sanyii Yaaqoobii, kolbaa Israa'eliitiin,
EXO 19:4 ‹Waan ani worra Gibxi'ii irratti godhe, akka risaan ilmoolee ifii koolaan ba'atu, isin ba'adhee gara kiyya attam akka isin fide dhaggitaneertan.
EXO 19:5 Amma isin guutumatti naaf yoo ajajantane, gondooroo tiyyalle yoo eegatane, gosa biyya adda addaa mara keessaa kolbaa irra caalaa jaalatantane hin teetan. Latti duudiin tiyya teetulle,
EXO 19:6 isin mootummaa hayyootaa kolbaa woyyittii naaf hin teetan› jedhi. Tun waan ati kolbaa Israa'eliititti hintu» jedheen.
EXO 19:7 Maarre Muuseen gad bu'ee jaarsolee kolba'aa waamee dubbii Mootiin Waan Maraa akka inni dubbatu isa ajaje mara isaanitti hime.
EXO 19:8 Achiin duuba kolbaan marti afaan tokkochaan, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin tolchina» jedhanee deebisane. Maarre Muuseen waan kolbaan jette deebi'ee Mootii Waan Maraatitti hime.
EXO 19:9 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani si woliin dubbadhuun kolbaan akka dhageettu, yennaa maralle akka si'itti addattu, ani duumensa ciggaa keessa gara keeti hin dhufa» jedhe. Achiin duuba Muuseen waan kolbaan jette Mootii Waan Maraatitti hime.
EXO 19:10 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Gara kolba'aa dhaqiitii adhaa fi boru isaan woyyoonsi. Woyaa ifiille akka dhiqatanu godhi;
EXO 19:11 guyyaa sadeesso'oo adoo isaan dhagganuu, ani gaara Siina'aa irratti waan gad bu'uuf, guyyaa saniif qophowanuu ti.
EXO 19:12 Cinaa gaaraatitti naannessii, meessaa buusiitii, ‹Gara gaaraa akka ol hin baane yookiin irga isaa akka hin tundhe ifi eegadha'a; nami gaara san tuqe ijjeefamuu ti.
EXO 19:13 Harki adoo isa hin tuqin, dhaka'aan tumamee yookiin daayaan woraanamee ijjeefamuu ti. Nami yookiin horiin yoo gaara san tuqe ijjeefamuu ti. Qoonqoon tultulla'aa adoo wol irraa hin citin, yennaa tultullaan afuufame qofa kolbaan gara gaaraa ol bawuu dandeetti› jedhii itti himi» jedhe.
EXO 19:14 Achiin duuba Muuseen gaara irraa gara kolba'aa gad bu'ee, isaan woyyoonsee, woyaa ifiille akka dhiqatanu godhe.
EXO 19:15 Muuseen kolba'aan, «Guyyaa sadeesso'ootiif ifi qopheeffadha'a; dubartii bira hin geyina'a» jedhe.
EXO 19:16 Gaafa guyyaa sadeesso'oo ganama gaara san irratti duumensi ciggaan mudhate; mandiisuun mandiite; balaqqeettiin balaqqitte; qoonqoon tultulla'aa guddoon afuufante; kolbaan addee quttumaa san jirtu marti naatee hollatte.
EXO 19:17 Achiin duuba Muuseen kolbaa addee quttumaatii baasee gara Waaqaa fidee, isaanille gaara jala dhaabbatane.
EXO 19:18 Waaqi ibiddaan gaara irratti waan gad bu'eef, gaarri Siina'aa aaraan gollame; aarri akka aara boolla ibiddaa keessaa bawuu, gaara san irraa aare. Gaarri sun guutumatti raafame.
EXO 19:19 Qoonqoon tultulla'aalle ittuma dabalamaa dhutte. Achiin duuba Muuseen dubbate; Waaqille qoonqoo akka mandiisu'uutiin deebii kenne.
EXO 19:20 Mootiin Waan Maraa qaccee gaara Siina'aa irratti gad bu'ee, gara qaccee gaaraa Muusee waame. Muuseelle ol baye.
EXO 19:21 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Kolbaan ana Mootii Waan Maraa ilaaliisaaf, meessaa dabaranee, hedduun isaanii akka hin dhumanne, gad bu'ii itti gorsi.
EXO 19:22 Hayyooti gara kiyya dhikaatanuuyyuu ifi adda baasuu qaban; yoo akkas hin te'in ani isaan hin adaba» jedhe.
EXO 19:23 Muuseelle Mootii Waan Maraatiin, «Ati, ‹Adaala gaara kanaatitti meessaa naqa'aatii, isa woyyoonsa'a› waan nuun jetteertuuf, kolbaan gara gaara kanaa ol bawuu hin dandeettu» jedhe.
EXO 19:24 Mootiin Waan Maraalle deebisee Muuse'een, «Gad bu'iitii, Aaron woliin deebi'ii koy; hayyootii fi kolbaan ammoo gara kiyya dhufiisaaf meessaa dabaruu hin qabanu; yoo isaan dabarane, ani isaan hin adaba» jedhe.
EXO 19:25 Muuseelle gara kolba'aa gad bu'ee, waan Mootiin Waan Maraa jedhe isaanitti hime.
EXO 20:1 Waaqi jechoota asii gad jiru kana mara dubbate:
EXO 20:2 «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti, ka lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa si baase.
EXO 20:3 «Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin.
EXO 20:4 «Bifa waan ol-gubbaa jiruutiin yookiin waan lafa irra jiruutiin yookiin waan bisaan keessa jiruutiin, bifa waan tokkootille'een waaqa dharaa hin hujatin.
EXO 20:5 Isaaniif hin sagadin; isaan hin waaqonfatinille'e. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha waan te'eef, worra na jibbu sababa cubbuu abbootii isaaniitiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba.
EXO 20:6 Worra na jaalatuu fi worra ajaja kiyya eegatu ammoo dhaloota isaanii haga dhaloota kumaatitti jaalala kiyya ka bara baraa isaanitti hin mudhisa.
EXO 20:7 «Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, maqaa kiyya akkasumaan hin dhowin.
EXO 20:8 «Guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf qaabadhu!
EXO 20:9 Guyyaa jaa elowiitii hujii teeti mara hujadhu.
EXO 20:10 Guyyaan torbeesso'oo ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif guyyaa fooraa ti; guyyaa san ati, ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, tajaajiltooti teeti ta dhiiraatii fi ta durraa, horiin keetii fi nami alagaan si bira jiru marti hujii tokkolle hin hujin.
EXO 20:11 Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru mara dade; guyyaa torbeesso'oo ammoo foorfadhe; tanaaf ani Mootiin Waan Maraa guyyaa Sanbataa eebbisee woyyoonse.
EXO 20:12 «Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
EXO 20:13 «Hin ijjeesin;
EXO 20:14 «Hin gaarayyeeffatin;
EXO 20:15 «Hin hatin;
EXO 20:16 «Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin;
EXO 20:17 «Mana namaa hin kajeelin; haadha manaa isaa, tajaajilaa isaa, tajaajiltuu isaa, loon isaa, harree isaa, karra isaa mara hin kajeelin» jedhe.
EXO 20:18 Kolbaan sun mandiisu'uu fi balaqqeettii yennaa dhaggite, tultullaa afuufamu dhageettee, gaarri aaruun yennaa dhaggite soda'aan hollattee, fagaattee dhaabbattee,
EXO 20:19 Muuse'een, «Nuuti akka hin duune, Waaqi nu woliin akka dubbatu hin godhin; atinuu nu woliin dubbadhu; nuuti hin caqanna» jette.
EXO 20:20 Muuseen kolbaa saniin, «Hin sodaatina'a! Sodaan Waaqaa isin bira jiraattee, cubbuu hujiisa irraa akka isin eedduuf, Waaqi haga isin ilaaliisaaf dhufeera» jedhe.
EXO 20:21 Kolbaan irraa fagaattee dhaabbatteertuun, Muuseen addee Waaqi jiru gara duumensa ciggaa dukkanowaa sanii dhikaate.
EXO 20:22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani ol-gubbaa irraa akka isinitti dubbadhe isinuu dhaggitaneertan;
EXO 20:23 isin ana malee, waaqota meeti'ii fi worqii irraa hujattanee hin waaqonfatina'a.
EXO 20:24 « ‹Ati addee ciinca'aa faara irraa naaf hujiitii, isa irratti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hoolee, re'e'ee fi loon keeti keessaa dhikeessi. Ani addee maqaa kiyya akka itti waamamu godhe san gara keeti dhufee si hin eebbisa.
EXO 20:25 Ati dhaka'aan addee ciinca'aa naaf yoo ijaartu teete, meya ittiin boccu saniin waan batteessituuf, dhakaa bocameen hin ijaarin.
EXO 20:26 Nafi keeti qullaa akka hin mudhanneef, yaabbannoo irra gara addee ciinca'aa tiyyatti ol hin bayin jedha› jedhiin» jedhe.
EXO 21:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Seerri ati Israa'elootaaf kennitu asii gad jira:
EXO 21:2 «Sanyii Ibrootaa keessaa garbicha yoo bitattane, woggaa jaa isin tajaajiluu ti. Woggaa torbeesso'oo ammoo waan tokkolle adoo hin kaffaliniif akkasumaan deemuu ti.
EXO 21:3 Inni yoo qofuu dhufee jiraate, qofuma deemuu ti; inni yennaa dhufu niitii yoo qabaate ammoo, isii fudhatee deemuu ti.
EXO 21:4 Yoo goottaan isaa niitii isa fuusisee, isiin ilmaan yookiin durra isaaf deetee yoo jiraate, dubartiin sunii fi ijoolleen sun ta gootta'aa te'anuu ti; namichi qofuma deemuu ti.
EXO 21:5 «Garbichi sun ammoo, ‹Ani goottaa kiyya, niitii tiyyaa fi ijoollee tiyya hin jaaladha! Bilisa bawuu hin barbaadu› yoo jedhe,
EXO 21:6 goottaan isaa Waaqa dura isa geessuu ti. Achiin duuba gara balbalaa yookiin gara mikikkila balbalaa geessee gurra isaa muta'aan uruu ti. Achiin duuba inni haga jiruu ifii garba isaa hin te'a.
EXO 21:7 «Nami tokko intala ifii akka garbittii teetuuf yoo gurgure, isiin akka garbicha dhiiraa bilisa hin bayin.
EXO 21:8 Isiin goottaa ifii ka niitii isii godhatiisaaf filate yoo gammachiisuu dhadde, inni akka isiin wodantu godhuu ti. Inni waan isi'iif hin malle waan isii irratti godheef, ormatti dabarsee isii hin gurgurin.
EXO 21:9 Nami tokko akka ilmi isaa fuudhuuf garbittii yoo bitate, akkuma intala ifiititti ilaaluu ti.
EXO 21:10 Dubartii dhibii yoo fuusise ammoo, muttaaritti'iif sagalee, uffanaa fi waan isi'iif barbaachisu hin dhooggatin.
EXO 21:11 Waan sadiin kana yoo isi'iif hin guutin, kaffaltii tokko malee deentuu ti.
EXO 21:12 «Nami nama dhaanee ijjeesu, innille ijjeefamuu ti.
EXO 21:13 Te'uu malee, inni gaadee adoo hin ijjeesin, danuu yoo teete, addee ani isaa qopheessetti baqatuu ti
EXO 21:14 Nami tokko beekaa nama yoo ijjeese ammoo, addee ciincaa tiyyaatii baasa'aatii isa ijjeesa'a.
EXO 21:15 «Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii dhaanu ijjeefamuu ti.
EXO 21:16 «Nami nama hatee gurgure yookiin isa harkalle'etti yoo dhaggame, nami hate sun ijjeefamuu ti.
EXO 21:17 «Nami abbaa yookiin haadha ifii abaaru ijjeefamuu ti.
EXO 21:18 «Nami wol lolee, tokkochi kaan dhakaan yookiin tuntummu'uun dhowee, nami dhowame sun adoo hin du'in taqee irra yoo ciise,
EXO 21:19 ulee dhadhaabbataa yoo deddeemu teete, nami isa dhowe sun itti hin gaafatamu; te'uu malee, yennaa hujii isaa waan duraa balleesseef, nama miidhame saniif qodha kennuu ti; haga inni guutumatti fayyutti isa ilaaluu ti.
EXO 21:20 «Nami tokko garbicha ifii yookiin garbittii ifii ule'een dhowee yoo ijjeese, adabamuu ti.
EXO 21:21 Garbichi sun guyyaa tokkoon yookiin guyyaa lamaan duuba yoo fayye, garbichi sun duruu qabeenna isaa waan te'eef adabamuu hin qabu.
EXO 21:22 «Namooti adoo wol lolanuu dubartii ulfaatitti bu'anee, ulfi sun irraa bayee, isiin guddoo miidhamuu dhaddulle, nami isii miidhe sun waan dhirsi isi'ii isa gaafatee fi waan abbootiin mura'aa itti murte kennuu ti.
EXO 21:23 Miidham hamaa yoo te'e ammoo, qooda lubbu'uu, lubbuu;
EXO 21:24 qooda ilaa, ila; qooda ilkaanii, ilkaan; qooda harkaa harka; qooda miilaa, miila;
EXO 21:25 qooda gubiisaa, gubiisa; qooda mada'aa, madaa; qooda dhaaniisaa, dhaaniisa; seera jedhuun murteessi.
EXO 21:26 «Nami tokko ila garbicha ifii yookiin ila garbittii ifii dhowee yoo balleesse, qodha ilaatiif garboota san bilisa baasuu ti.
EXO 21:27 Ilkaan garbichaa yookiin ilkaan garbitti'ii yoo casselle, qodha ilkaaniitiif garboota san bilisa baasuu ti.
EXO 21:28 «Kormi tokko dhiira yookiin dubartii takka nyaatee yoo ijjeese, kormi sun dhaka'aan tumamee ijjeefamuu ti; foon isaa ammoo hin nyaatamin; abbaan kormaa ammoo itti hin gaafatamin.
EXO 21:29 Kormi sun duruu ka nama nyaatu te'ee, abbaan korma sanii akka dhooggatuuf itti himanee, inni dhooggatuu dhabee, dhiira yookiin dubartii nyaatee yoo ijjeese, kormi sun dhaka'aan tumamee ijjeefamuu ti; abbaan korma saniille ijjeefamuu ti.
EXO 21:30 Te'uu malee, qodha akka kennu yoo gaafatame, waan itti murteeffame san kaffaliisaan lubbuu ifii wodatuu ti
EXO 21:31 Kormi tokko ilma yookiin intala nyaatee yoo ijjeese, akkuma seera kanaatitti murteeffamuu ti.
EXO 21:32 Kormi tokko garbicha yookiin garbittii takka yoo nyaate, meetii giraama sagaltama qodha kennuu ti.
EXO 21:33 «Nami tokko boolla qotee adoo hin duuchiin lakkisee, boolla san keessa qotiyyoon yookiin harreen yoo buute,
EXO 21:34 nami boolla qote sun abbaa qotiyyo'ootiif yookiin abbaa harre'eetiif qodha kennu ti; qotiyyoon duute sun yookiin harreen duute sun ammoo isaaf te'anuu ti.
EXO 21:35 Kormi nama tokkoo korma nama dhibi'ii yoo ijjeese, korma jiru san gurguranee beesee itti gurguranee fi korma du'e san wol qixxee qoodatanuu ti.
EXO 21:36 Te'uu malee, kormi sun ka nama nyaatu te'ee, abbaan korma sanii dhooggatuu yoo dhabe, addee korma du'e sanii korma dhibii kennuu ti; korma du'e san ammoo ifiif fudhatuu ti.
EXO 22:1 «Nami tokko qotiyyoo tokko yookiin hoolee hatee yoo qalate yookiin yoo gurgurate, qooda qotiyyoo tokko sanii qotiyyoo shan, qooda hoolee takkattii sanii hoolee afur kaffaluu ti.
EXO 22:2 Hattichi tokko balbala cassee adoo seenuu qabamee tumamee, yoo du'e, dhiiga isaa ka dhangalaafameef gumaan hin jiru.
EXO 22:3 Aduun baateen duuba yoo ijjeefame garuu, ka ijjeese sun yakkaamessa hin te'a. «Hattichi qabame sun waan hate san kaffaluu qaba; inni womaa yoo hin qabaanne teete ammoo, waan hate san kaffaliisaaf inninuu gurguramuu ti.
EXO 22:4 «Horiin inni hate sun kormi yookiin hooleen yookiin harreen lubbu'uun adoo jiranuu harka isaatitti yoo dhaggamane, waan tokkoof dachaa lama kaffaluu ti.
EXO 22:5 «Nami tokko horii ifii fichaa keessa yookiin oorruu woyni'ii keessa akka dheedanu gad lakkisee, midhaan nama dhibi'ii yoo nyaatane, fichaa ifii dansaa irraa yookiin oorruu woynii ifii dansaa irraa nama saniif kaffaluu ti.
EXO 22:6 «Ibiddi tokko ka'ee daggala qabatee, tuulaa midhaanii yookiin midhaan fichaa keessaa yoo nyaate, nami ibidda qassiise sun gatii midhaan sanii guutuu kaffaluu ti.
EXO 22:7 «Nami tokko beesee yookiin meya ifii akka isaaf massu namatti kennatee, mana nama sanii keessaa hattuun yoo hatte, hatichi sun yoo qabame dachaa lama kaffaluu ti.
EXO 22:8 Hattichi sun yoo dhabame ammoo, abbaan manaa meya nama sanii akka hatee hin jirre kakatiisaaf, abbootii mura'aa dura dhikaatuu ti.
EXO 22:9 «Nami tokko qotiyyoo tokko, harree takka, hoolee takka, woyaa yookiin qabeenna te'e maraayyuu seera malee qabateeruun, ka dhibiin, ‹Kun kiyya› jedhee, moromaan yoo kaate, worri wol morome sun lamaanuu haajaa san abbootiin mura'aa dura dhikeessanuu ti; nami abbootiin mura'aa yakkaa itti murte sun nama saniif dachaa lama kaffaluu ti.
EXO 22:10 «Nami tokko harree takka, qotiyyoo tokko, hoolee takka yookiin horii dhibiille nama bira keyateeruun horiin sun yoo du'e yookiin yoo miidhame yookiin nami adoo hin dhaggin yoo fudhatame,
EXO 22:11 nami horii bira keyatane sun horii nama sanii akka fudhatee hin jirre abbootii mura'aa duratti kakatuu ti; abbaan hori'ii sunille yaada kana fudhatuu qaba; kaffaltiin hin jiraatin.
EXO 22:12 Horiin sun nama bira keyatane san biraa yoo hatamee jiraate ammoo nami sun kaffaluu ti.
EXO 22:13 Horii san bineensi yoo nyaatee jiraate, mirkaneessiisaaf, raqa bineensi nyaatee hafe san dhikeessuu ti; horii nyaatameef kaffaltiin hin jiraatin.
EXO 22:14 «Nami tokko horii nama irraa ergifatee, horii sun adoo abbaan hori'ii sun bira hin jiraatin yoo miidhame yookiin yoo du'e, abbaan ergifate sun kaffaluu ti.
EXO 22:15 Abbaan hori'ii sun yoo bira jiraate ammoo, abbaan ergifate sun hin kaffalin; horiin sun yoo kireeffamee jiraate, beeseen kira'aaf kaffalante sun gatii horii saniitiif kaffalantuu ti.
EXO 22:16 «Nami tokko durra hin kadhatamin sossobee bantii isi'ii yoo balleesse, maraa isi'ii kennee isii fuudhuu ti.
EXO 22:17 Abbaan isi'ii isaaf kenniisa yoo didate, nami sun goronsa banti'ii kennuu ti.
EXO 22:18 «Dubartiin falfaltu ijjeefantuu ti.
EXO 22:19 «Nami horii woliin rafe ijjeefamuu ti.
EXO 22:20 «Ana Mootii Waan Maraatiif malee, nami waaqota dhibi'iif ciincaa dhikeessu ijjeefamuu ti.
EXO 22:21 «Isinille biyya Gibxi'ii keessatti alagaa waan teetaneertanuuf, alagaa hin miidhina'a yookiin hin cunqursina'a.
EXO 22:22 «Haadha hiyyeessaa yookiin ijoollee abba'aa fi haadha hin qanne gad hin qabina'a
EXO 22:23 Isin yoo isaan gad qaddanee isaan gara kiyya iyyane, dhugumaan ani iyya isaanii hin dhage'a.
EXO 22:24 Ani isinitti aaree, shallaaga'aan isin hin ijjeesa; niitiin teessan haadha hiyyeessaa hin teeti; ijoolleen teessanille ta abbaa hin qanne hin teeti.
EXO 22:25 «Kolbaa tiyya keessaa nama hiyyeessaaf beesee yoo liqeessitane, akka nama dhalaan liqeessuu isatti hin te'ina'a; dhala isa hin gaafatina'a.
EXO 22:26 Woyaa namaa qaddii yoo qabattane, adoo aduun hin seenin isaaf deebisa'a.
EXO 22:27 Wonni inni nafa ifiitiin gollatu tana qofa waan teeteef, maan uffatee rafa ree? Yoo inni gara kiyya iyye, ani mararaa waan te'eef, isaaf hin dhage'a.
EXO 22:28 «Waaqa hin faanshessina'a yookiin bulchaa kolbaa teessanii hin abaarina'a.
EXO 22:29 «Midhaan haammattanee galfattanu keessaa mataa naa kenniisaaf hin rincicina'a. «Ilmaan teessan keessaa angafa naaf kenna'a.
EXO 22:30 Loonii fi hoolee teessan keessalle'ee akkasuma tolcha'a; isaan guyyaa torba haadha ifii woliin turanuu ti; guyyaa saddeetesso'oo ammoo isaan naaf kenna'a.
EXO 22:31 «Isin kolbaa naaf woyyoonte hin teetan; tanaaf foon horii bineensi ijjeesee sare'eef kenna'a malee hin nyaatina'a.
EXO 23:1 «Oduu dharaa hin odeessina'a; dharaan dhugaa bayiisaan nama yakkaamessa hin qarqaarina'a.
EXO 23:2 «Hantuu hujiisaaf namoota hedduu hin hordofina'a; addee seeraatitti namoota hedduu hordofiisaan haqa hin dassina'a.
EXO 23:3 Hiyyeessi muraa dura yennaa dhikaate, waan inni hiyyeessa te'eef isaaf hin rogina'a.
EXO 23:4 «Qotiyyoo yookiin harree diina keessanii ta balleya baddeertu yoo dhaggitane isaaf galcha'a.
EXO 23:5 Harreen nama isin jibbuu fe'iisa jalatti jiddeertuun yoo dhaggitane, isa qarqaara'a malee lakkittanee irra hin dabarina'a.
EXO 23:6 «Hiyyeessi muraa dura yennaa dhikaate, haqa isaa hin dassina'a.
EXO 23:7 Ani yakkaamessa akka nama yakkaa hin qanneetitti hin laakkowu; tanaaf, waan dharaa irraa fagaadha'a; nama yakkaa hin qanne yookiin nama balchaa hin ijjeesina'a.
EXO 23:8 «Safuun ila worra akka dansaa dhagguu waan balleessituuf, jecha worra balchoole'eelle waan micciirtuuf, safuu hin fudhatina'a.
EXO 23:9 «Alagaa hin cunqursina'a; isinille biyya Gibxi'iititti alagaa waan teetaneertanuuf, waan alaga'atti dhage'amu isinuu hin beettan.
EXO 23:10 «Woggaa jaa fichaa keessanitti midhaan facaafadha'aatii galfadha'a;
EXO 23:11 woggaa torbeesso'oo ammoo bulcha'a malee hin qotina'a; waan achi keessaa dhaggamu worri hiyyeeyyiin kolbaa teessan keessaa nyaatanuu ti; ka isaan irraa hafe bineensi nyaatu ti. Muka woyni'ii keessanii fi muka ejersaa keessanille akkasuma godha'a.
EXO 23:12 «Guyyaa jaa hujii teessan hujadha'a; qotiyyoon teessan, harreen teessan, garbi mana keessan keessatti dhalatee fi alagaan isinii huju akka foorfatanu, guyyaa torbeesso'oo ammoo hujii hin hujina'a.
EXO 23:13 «Waan ani isinitti hime kana mara hubadha'a; maqaa waaqota dhibi'ii hin waammatina'a; maqaan isaanii afaan keessanille'ee hin bayin.
EXO 23:14 «Wogga'atti yennaa sad jila naaf jilifadha'a.
EXO 23:15 «Jila daabboo uukoo hin uukoonnee jilifadha'a; akkuma ani isin ajaje guyyaa torbeesso'oo daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a; ji'a biyya Gibxi'ii keessaa baatane waan te'eef, jila tana ji'a ‹Abibiib› jedhamu keessa guyyaa murteeffametti jilifadha'a. «Nami tokkolle harka duwwaa na dura hin dhikaatin.
EXO 23:16 «Midhaan facaafattane ka mata'aa yennaa galfattanu, jila midhaan galfatiisaa jilifadha'a. «Dhuma wogga'aa irratti mukoota fichaa keessan keessa jiranu irraa midhaan yennaa guurattanu, jila midhaan galfatiisaa jilifadha'a.
EXO 23:17 «Wogga'atti yennaa sad dhiirti marti Mootii Waan Maraa Goottaa dura dhikaattuu ti.
EXO 23:18 «Dhiiga ciinca'aa ka anaaf dhikaatu woliin waan uukoo qabu hin dhikeessina'a. «Moorri yennaa jilaa kennansa ciinca'aatiif naaf dhikaatu haga bari'ii hin turin.
EXO 23:19 «Waan latti isiniif baache keessaa midhaan mata'aa ka irra caalaa dansa'aa ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif dhikeessa'a. «Buruusoo re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelina'a.
EXO 23:20 «Kunoo, karaa irratti akka isin eeguuf, gara addee ani qopheessee akka isin fiduuf, ani ergamaa isiniin dura ergeera.
EXO 23:21 Isin ifi eeggadha'a; dubbii isaalle qalbeeffadha'a. Isalle hin mormina'a; ani maqaa kiyyaan waan isa ergeef inni finqila keessan isiniif hin araaramu.
EXO 23:22 Waan inni jedhe akka dansaa yoo caqattane, waan ani ajaje maralle yoo tolchitane, ani diina keessaniif diina hin te'a; worra isin mormulle hin morma.
EXO 23:23 Ergamaan kiyya isiniin dura deemee gara lafa Amoorotaa, lafa Heetotaa, lafa Pheriizotaa, lafa Kana'aanotaa, lafa Hiiwotaa, lafa Yibusootaa isin hin geessa; anille isaan hin balleessa.
EXO 23:24 Isin waaqota isaaniitiif hin sagadina'a yookiin isaan hin waaqonfatina'a! Hujii isaaniille gula hin deemina'a. Waaqota isaanii balleessa'a; soodduu woyyittii isaaniille caccassa'a.
EXO 23:25 Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha'a; anille midhaanii fi bisaan keessan hin eebbisa; dhukkuballe odduu teessanii hin balleessa.
EXO 23:26 Lafa teessan keessa dubartiin ulfi irraa bawu yookiin maseenti hin jiraattu; bara jiruu teessaniille hin dheeressa.
EXO 23:27 «Ani diinota keessan akka na sodaatanu hin tolcha; kolbaa isin loltanu hin joonjessa; diinoti keessan marti akka isin dheetanu hin tolcha.
EXO 23:28 Ani worra Hiiwotaa, worra Kana'aanotaatii fi worra Heetotaa isin duraa ari'iisaaf soonsa itti hin erga.
EXO 23:29 Latti ontee bineensi akka isinitti hin bacanne, woggaa tokko keessatti isin duraa isaan hin ari'u.
EXO 23:30 Haga isin hortanee lafa qabattanutti diqqeessee diqqeessee isin duraa isaan hin ari'a.
EXO 23:31 «Meessaa keessan abbaayaa diintuu irraa haga abbaayaa Filisxeemotaa, goomolee irraa haga laga Efraaxiisii hin godha. Ani kolbaa lafa san keessa leetu harka keessanitti dabarsee hin kenna; isinille ifi duraa isaan hin ariitan.
EXO 23:32 Isaan woliin yookiin waaqota isaanii woliin woli hin gondooratina'a.
EXO 23:33 Akka isaan lafa teessan keessa le'anu hin godhina'a. Yoo akkas gootane, isaan akka isin na irratti cubbuu hujjanu hin godhan. Isin waaqota isaanii yoo waaqonfattane, tiyyoo isinitti hin teeti» jedhe.
EXO 24:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati, Aaron, Naadaab, Abiihu'uu fi jaarsoleen Israa'elii torbaatam gara ana Mootii Waan Maraa kowa'a. Fagoo dhaabbadha'aatii sagada'a.
EXO 24:2 Ati callaan na bira dhikaadhu malee, worri dhibiin na bira hin dhikaatin; kolbaalle si woliin ol hin bayin» jedhe.
EXO 24:3 Muuseen dhaqee waan Mootiin Waan Maraa dubbatee fi seera isaa mara kolba'atti yennaa hime, kolbaan afaan tokkoon, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin goona» jettee deebitte.
EXO 24:4 Achiin duuba Muuseen, waan Mootiin Waan Maraa dubbate mara barreesse. Inni guyyaa itti aanu ganama ka'ee gaara jalatti addee ciinca'aa hujee, soodduu kudhanii lama ta gosa Israa'elii kudhanii lama bakka buutu dhaabe.
EXO 24:5 Achiin duuba inni Israa'eloota dargaggoota dhiiraa ergee, isaanille kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa ka Mootii Waan Maraatiif ciinceffamu dardaroota dhikeessane.
EXO 24:6 Muuseelle dhiiga san gamisa fuudhee qori'itti naqee, gamisa hafe addee ciinca'aa irratti dhangalaase.
EXO 24:7 Achiin duuba inni kitaaba Gondooro'oo fuudhee kolba'aaf dubbise; isaanille, «Waan Mootiin Waan Maraa jedhe mara hin goona; isaafille hin ajajanna» jedhane.
EXO 24:8 Achiin duuba Muuseen dhiiga san fuudhee kolba'atti fiffixee, «Kun dhiiga Gondooro'oo ka Mootiin Waan Maraa yennaa ajaja kana isinii kenne isin woliin gondoorate» jedhe.
EXO 24:9 Achiin duuba Muuseen, Aaron, Naadaab, Abiihu'uu fi jaarsoleen Israa'elii torbaatam gara gaaraa ol bayanee,
EXO 24:10 Waaqa Israa'elii dhaggane. Miila isaatiin jala dhakaa gatii guddo'oo ka «Safiiros» jedhamu, qulqulluu akka ol-gubba'aatitti jiraayyu.
EXO 24:11 Waaqi jaarsolee kolbaa Israa'elii tanatti balaa hin buunne; isaanille Waaqa dhagganee, fuula isaa duratti nyaatanee unane.
EXO 24:12 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara gaaraa, gara kiyya ol bayiitii as turi; anille dhakaa baxxicha lama ka seerrii fi ajaji qajeelfama isaaniif te'u irratti barreesse sitti hin kenna» jedhe.
EXO 24:13 Achiin duuba Muuseen qarqaaraa ifii Iyaasuu woliin ka'anee, Muuseen gara gaara Waaqaa ol baye.
EXO 24:14 Inni jaarsolee saniin, «Haga nuuti deebinee gara keessan dhunnutti, as tura'a; Aaronii fi Huur isin woliin waan jiranuuf, nami wol dhabu yoo jiraate isaan bira dhaquu ti» jedhe.
EXO 24:15 Yennaa Muuseen gara gaaraa ol baye, duumensi gaara golle.
EXO 24:16 Ulfinni Mootii Waan Maraa gaara Siina'aa irra bu'e; duumensi sun haga guyyaa jaa gaara gollee, guyyaa torbeesso'oo Mootiin Waan Maraa duumensa keessaa Muusee waame.
EXO 24:17 Ulfinni Mootii Waan Maraa ibidda wo nyaatu fakkaatee qaccee gaaraa irratti Israa'elootatti mudhate.
EXO 24:18 Achiin duuba Muuseen duumensa keessa gara gaara ol baye. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama achi ture.
EXO 25:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een
EXO 25:2 «Israa'elooti kennansa akka naaf kennanu itti himi; nama fedhii ifiitiin kennansa naa fidu irraa fuudhi.
EXO 25:3 Kennansi ati isaan irraa fuutu: worqii, meeti'ii fi sageettuu,
EXO 25:4 woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilana diima'aatii fi woyaa quncee talba'aa, woyaa rifeensa re'e'ee,
EXO 25:5 gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame, gogaa hoolee galaanaa, muka gololchaa,
EXO 25:6 zayitii ejersaa ta ifaaf teetu, uddowaa zayitii ejersaa ta dibatanutti naqanu, hixaana foolee dansa'aa,
EXO 25:7 dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu.
EXO 25:8 «Achiin duuba akka ani odduu isaanii jiraadhuuf, dunkaanii woyyittii naaf hujanuu ti.
EXO 25:9 Dunkaanii woyyittii tanaa fi meya isii keessaa mara akka ani sitti mudhisutti huji.
EXO 25:10 «Saanduqa Gondooro'oo ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa, hojjaan isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa akka hujanu tolchi.
EXO 25:11 Keessa isi'iitii fi duuba isi'ii worqii itti gonfi; roga isi'ii irra naannessiitii xiyyoo worqi'ii itti huji.
EXO 25:12 Qubee worqi'ii afur hujiitii, lamaan gara tokkoon, lamaan gara kaaniin, miila isi'ii afurittuu qassiisi.
EXO 25:13 Muka gololchaa irraa danqaraa bociitii worqii itti gonfi.
EXO 25:14 Danqaraa isii ittiin ba'atanu, qubeelee Saanduqa Gondooro'oo ta gama lamaaniin jirtu san keessa loosi.
EXO 25:15 Danqaraan sun qubeelee Saanduqa Gondooro'oo san keessuma tee'uutii malee achi keessaa hin bayin.
EXO 25:16 Achiin duuba dhakaa baxxicha lama ka ajaji irratti barreeffame ka ani si'iif kennu, saanduqa gonddooro'oo san keessa keyi.
EXO 25:17 «Qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo ta worqi'ii, ta gumaa cubbu'uu irra keyanu ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa ta worqi'ii huji.
EXO 25:18 Dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama worqii tumante irraa qaccee lama ta qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo irratti huji.
EXO 25:19 Dada ol-gubba'aa san tokko qaccee gara tokkootitti, dada ol-gubba'aa ta lammeesso'oo qaccee garakaaniititti keyi; dada ol-gubba'aa ta koola qabanu san qaccee qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo lamaanittuu wolitti qassiisii tokko tolchi.
EXO 25:20 Dadi ol-gubba'aa ta koola qabanu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonbobanuu ti; fuula wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san ilaalanuu ti.
EXO 25:21 Qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san Saanduqa Gondooro'oo gubbaa keyi; dhakaa baxxicha seerri irratti barreeffame ka ani si'ii kennu sanille Saanduqa Gonddooro'oo san keessa keyi.
EXO 25:22 Dada ol-gubba'aa ta koola qabanu lama ta qadaaddaa addee araara cubbu'uu ka Saanduqa Gondooro'oo irra jiranu wodhakka'atti si'iin wol dhaggee, achitti ajaja kiyya mara kolbaa Israa'eliitiif si'itti hin kenna.
EXO 25:23 «Xarapheessaa dheerinni isaa ciqilee lama, badhinni isaa ciqilee tokko, hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huji.
EXO 25:24 Worqii qulluu itti gonfi; roga isaa irralle naannessii worqii itti gonfi.
EXO 25:25 Xiyyoo haga badhinna ganaa harkaa geettu irga isaa irratti naannessii worqii itti gonfi.
EXO 25:26 Xarapheessaa saniif qubee worqi'ii afur hujiitii, addee miilli isaa afur jiranutti roga isaa afur irratti qassiisi.
EXO 25:27 Qubeeleen afur sun danqaraa xarapheessaa ittiin ba'atanu akka qaddu, xiyyoo san biratti dhikaatanuu ti.
EXO 25:28 Danqaraa muka gololchaa irraa huji; worqii itti gonfiittii xarapheessaa san ittiin ba'adhu.
EXO 25:29 Waan daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu gabataa, qorii, kobolaa fi muduunuu worqii qullittii irraa huji.
EXO 25:30 Daabboo na dura dhikaattu yennaa mara fuula kiyya dura xarapheessaa kana irra keyi.
EXO 25:31 «Waan issaa irra keyanu worqii qullittii irraa huji. Miila isaa, ulee isaa, muduunuu daraaraa fakkaattu, guntuta daraara'aatii fi daraaraa seesaa waan ifa irra keyanu san woliin wolitti qassiisii tokko tolchii huji.
EXO 25:32 Waan issaa irra keyanu kana irratti dameelee jaa, gara tokkoon sad, gara kaaniin sad huji.
EXO 25:33 Dameelee jaanuu, tokko tokkoo isaanii irratti muduunuun daraaraa muka ‹Almond› jedhamuu fakkaattu ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu sad jiraatanuu ti.
EXO 25:34 Waan issaa irra keyanu san irra, muduunuun daraaraa muka ‹Almond› jedhamu fakkaattu afur ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu jiraatanuu ti.
EXO 25:35 Dameelee waan issaa irra keyanuu lamaan karaa jalaa guntuti daraara'aa tokko, dameelee lamaan lammeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka lammeesso'oo, dameelee lamaan sadeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka sadeesso'oo jiraatanuu ti.
EXO 25:36 Guntuti daraara'aatii fi dameeleen sun martinuu waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiifamanee tokko te'anee, worqii qullittii irraa hujamanuu ti.
EXO 25:37 «Akka issaan addee waan issaa irra keyanu duraatiif ifa kennanu, issaa torba hujiitii, waan issaa irra keyanu san irra keyi.
EXO 25:38 Qarapha'aa fi qoriin daadha'aa worqii qullittii irraa hujamanuu ti.
EXO 25:39 Wonni ifa irra keyanuu fi mey isi'ii marti worqii qullittii kiiloogiraama soddomii shaniin hujamanuu ti.
EXO 25:40 Akka ani gaara irratti sitti mudhise sanitti ilaalii huji.
EXO 26:1 «Dunkaanii Woyyittii, gollaa haadaa qoola kudhan: liilana quncee talba'aa dansaa, liilana bifa cuquliisaa, liilana bifa dhiille'eetii fi liilana diimaa irraa wolitti fowantee dhowateen huji. Nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hujuu ti.
EXO 26:2 Gollaan haadaa sun tokko tokkoon isaa dheerinni ciqilee diddamii saddeeti badhinni ciqilee afur, marti isaaniituu wol qixa te'anuu ti.
EXO 26:3 Qoola woya'aa san shanan wolitti hodhi; shanan hafane kaanille akkasuma tolchi.
EXO 26:4 Irga qoola woya'aa ka wolitti hodhantee sanitti qubeelee bifa cuquliisaa itti naqi. Qoola woya'aa ta wolitti hodhante ta gama kaanii irralle'etti akkasuma tolchi.
EXO 26:5 Irga qoola woya'aa ka wolitti hodhamanee ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama, ta moggaa gama lamaaniituu fuullee wolitti galchii itti naqi.
EXO 26:6 Achiin duuba Dunkaaniin Woyyittiin takkattii akka teetu, qoola woya'aa ta wolitti hodhamane san wolitti qassiisiisaaf hookkoo worqi'ii shantama huji.
EXO 26:7 «Dunkaanii Woyyittii san akka gollanuuf, gollaa rifeensa re'e'ee irraa hujame kudhanii tokko huji.
EXO 26:8 Gollaan kudhanii tokko sun tokko tokkoon isaaniituu dheerinni isaanii ciqilee soddoma, badhinni isaanii ciqilee afur, marti isaaniituu wol qixa te'anuu ti.
EXO 26:9 Gollaa shanan wolitti qassiisii hodhi; jaan hafane kaanille gara kaaniin wolitti qassiisii hodhi. Gollaa jayeesso'oo Dunkaanii Woyyittii fuula duraan irra dachaasi.
EXO 26:10 Irga gollaa wolitti hodhamane ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama itti hodhi.
EXO 26:11 Hookkoo sageettu'uu shantama hujiitii, gollaa gama lamaanii san wolitti qassiisiisaan Dunkaanii Woyyittii takkattii akka teetu hookkoo san qubeelee shantama san keessa galchi.
EXO 26:12 Gollaan Dunkaanii Woyyitti'ii irraa hafe gamsi isaa gara duubaatiin gad rarra'uu ti.
EXO 26:13 Gara dheerinnaatiin, gollaan hafe gara lamaaniinuu, ciqileen tokko tokko Dunkaanii Woyyittii irra gad rarra'uu ti.
EXO 26:14 Gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame irraa Dunkaanii Woyyittii saniif irbuusa huji; ka dhibiille gogaa hoolee galaanaa irraa hujiitii irra buusi.
EXO 26:15 «Mikikkiloota Dunkaanii Woyyittii ol dhaabbachiisanu muka gololchaa irraa huji.
EXO 26:16 Dheerinni mikikkiloota sanii ciqilee kudhan, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakkaa te'anuu ti.
EXO 26:17 Mikikkilooti Dunkaanii Woyyitti'ii sun akka wol keessa seenanu qaccee irratti gaafa lama ka cinaa wolii jiru huji; akka kanaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyitti'ii mara huji.
EXO 26:18 Dunkaanii Woyyittii cinaa gara kibbaatiif mikikkiloota diddama huji.
EXO 26:19 Mikikkiloota diddama saniif shafee meetii irraa hujante afurtama huji; gaafoti lama ka mikikkila tokkoo akka keessa seenanuuf shafee lama lama huji.
EXO 26:20 Dunkaanii Woyyittii san cinaa gara kaabaatiif mikikkiloota diddama huji.
EXO 26:21 Mikikkiloota diddama saniif, shafee meetii irraa hujante afurtama hujiitii, mikikkila tokko tokko jala shafee lama lama keyi.
EXO 26:22 Dunkaanii Woyyittii cinaa gara aduun seentuutiif mikikkila jaa huji.
EXO 26:23 Roga irga irgaatiif mikikkila lama lama huji.
EXO 26:24 Roga lamaan kana irratti mikikkilooti kun jalaa haga gubba'aatitti lama lama te'anee, qubee takkattii keessa seenuu qaban. Gara lamaaniinuu akkasuma te'uu qaba.
EXO 26:25 Maarre mikikkiloota saddeetii fi shafee meetii irraa hujante kudhanii jaatti achi jira; mikikkila tokko tokkoofuu shafee lama lamatti itti keyama.
EXO 26:26 «Muka gololchaa irraa danqaraa shanan mikikkiloota cinaa gara tokkootiif,
EXO 26:27 shan mikikkiloota cinaa gara kaaniitiif, shanan hafane mikikkiloota gara seensa adu'uu jiranuuf huji.
EXO 26:28 Danqaraan wodhakka'aa, mikikkiloota wodhakkaa cinaa kaan irraa haga cinaa gara kaaniititti fulla'uu ti.
EXO 26:29 Mikikkiloota san worqii itti gonfi; danqarooti sun akka keessa seenanu qubeelee worqi'ii huji; danqaroota sanille worqii itti gonfi.
EXO 26:30 «Dunkaanii Woyyittii san akka ani gaara irratti sitti mudhise sanitti dhaabi.
EXO 26:31 «Gollaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowanteen huji. Nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hujuu ti.
EXO 26:32 Hookkoo worqii irraa hujame ka utuboota muka gololchaa ka worqiin itti gonfanteertu irra jiranu irratti fannisiitii, shafee meetii irraa hujame irra dhaabi.
EXO 26:33 Gollaa san hookkota san irratti fannis. Saanduqa Gondooro'oo gollaa san gara duubaatiin keyi; Gollaan sun addee irra caalaa woyyitti'ii fi addee woyyittii gargar qooda.
EXO 26:34 Qadaaddaa addee gumaa cubbu'uu, Saanduqa Gondooro'oo ka Addee Irra Caalaa Woyyittii san keessa jiru irra keyi.
EXO 26:35 Xarapheessaa addee irra caalaa woyyitti'iin ala Dunkaanii Woyyittii keessa gara kaabaatiin keyiitii, waan issaa irra keyanu fuullee isaa gara kibbaatiin keyi.
EXO 26:36 «Seensuma Dunkaanii Woyyitti'iitiif, gollaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun wolitti fowamee dhowame keyi.
EXO 26:37 Gollaa kanaaf hookkoo worqi'iitii fi utubaa muka gololchaa shan ka worqii itti gonfame huji. Utuboota kanaaf shafee sageettu'uu shan tumi.
EXO 27:1 «Addee ciinca'aa muka gololchaatiin ijaari. Dheerinni isi'ii ciqilee shan, badhinni isi'iille ciqilee shan, hojjaan isi'ii ciqilee sad te'uu ti. Cinaan isi'ii martinuu wol qixxee te'uu qaban.
EXO 27:2 Gaafotii fi addeen ciinca'aa tokko akka te'anu roga isi'ii arfanuu irratti gaafota itti baasiitii, sageettuu itti gonfi.
EXO 27:3 Okkotee daadhaa itti haranu, waan ibidda irratti bobeessanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, filaa foonii sageettuu irraa huji.
EXO 27:4 Waan akka meemme'ee ka cilee qabatee daadhaa gad harcaasu sageettuu irraa itti huji; roga waan akka meemme'ee san arfanuu irratti qubeelee sageettu'uu itti huji.
EXO 27:5 Haga hidha addee ciinca'aa ol akka dheerattu, waan akka meemme'ee san xiyyoo isi'ii jala keyi.
EXO 27:6 Addee ciinca'aa san akka ittiin ba'atanu, danqaraa muka gololchaa hujiitii sageettuu itti gonfi.
EXO 27:7 Yennaa addee ciinca'aa san ba'atanu danqaroota gama lamaan qubeelee san keessa loosi.
EXO 27:8 Akkuma ani gaara irratti sitti mudhise sanitti, addee ciinca'aa falaxaa irraa boollessii huji.
EXO 27:9 «Badhinna Dunkaanii Woyyitti'iititti dalleya ijaari; dalleenni sun gollaa quncee talba'aa dansaa irraa fowamee hujame qabaatuu ti; dalleenni sun gara kibbaatiin ciqilee dhibba dheeratee,
EXO 27:10 utuboota shafee sageettu'uu qabu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabu qabaatuu ti.
EXO 27:11 Gara kaabaatille'een akkuma kana ciqilee dhibba dheeratee, utuboota shafee sageettu'uu qabu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabu qabaatuun hujamuu ti.
EXO 27:12 «Badhinni dalleya keessaa sun gara seensa adu'uutiin, ciqilee shantama badhatee, golla'aa fi utuboota kudhan shafee kudhan qabanu qabaatuu ti.
EXO 27:13 Dhuma gara ila boru'uu, karaa aduun baatuun, ciqilee shantama badhatuu ti.
EXO 27:14 Dheerinni golla'aa seensuma irraa gara tokkoon ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaatuu ti.
EXO 27:15 Akkasuma seensuma irraa gara kaaniin dheerinni golla'aa ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaatuu ti.
EXO 27:16 «Seensuma gara badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii saniif, gollaa ciqilee diddama dheeratu, ka liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun wolitti fowamee dhowame, utuboota afur ka shafee afur qabanu qopheessi.
EXO 27:17 Utubooti naannoo badhinna dalleya keessaa sanii marti qubeelee meetii irraa hujante, hookko'oo fi shafeelee sageettuu irraa hujante qabaatanuu ti.
EXO 27:18 Dheerinni badhinna dalleya keessaa sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama te'uu ti; gollaa quncee talba'aa dansaa irraa hujame ka hojjaan isaa ciqilee shaniitii fi shafee meetii irraa hujamane qabu te'uu ti.
EXO 27:19 Mey Dunkaanii Woyyittii keessatti tajaajila adda addaa kennu marti, chikaalli Dunkaanii Woyyitti'iitii fi chikaalli badhinna dalleya keessaa marti ka sageettuu irraa hujamane te'anuu ti.
EXO 27:20 «Ifi yennaa mara akka ifu, Israa'elooti zayitii ejersaa qulluu akka sii fidanu ajaji.
EXO 27:21 Aaronii fi ilmaan isaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti, gollaa Dunkaanii Dhugaa Bayaa fuula dura jiruun alatti ifi galgalaa haga ganamaatitti ana Mootii Waan Maraa duratti akka ifu godhanuu ti. Kun Israa'eloota oddu'utti dhaloota dhufuuf seerata bara baraa te'uu ti.
EXO 28:1 «Hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, kolbaa Israa'elii keessaa obboleessa keeti Aaron, ilmaan isaa Naadaab, Abiihuu, Ele'azaar fi Itaamaar woliin gara keeti dhikeessi.
EXO 28:2 Kabajja'aa fi ulfinna isaatiif, obboleessa keeti Aaroniif woyaa woyyumma'aa huji.
EXO 28:3 Maarre akka inni hayyicha te'ee na tajaajilu, isa adda baasiisaaf, Aaroniif woyaa akka hujanu, worra ani ogummaa kenneeruuf maratti himi.
EXO 28:4 Woyaan isaan hujanu: kiisii qomaa, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, qoloo, qoloo haga miilaa dheerattu, marata mata'aatii fi hiitu'u. Obboleessi keeti Aaronii fi ilmaan isaa hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, woyaa woyyumma'aa isaaniif hujanuu ti.
EXO 28:5 Isaan woyaa san worqii, liilana bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee, ka bifa diimaa ka quncee talba'aatiin hujanuu ti.
EXO 28:6 «Worri hujii harkaa beeku sun woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka wolitti fowameen hujanuu ti.
EXO 28:7 Gurmuu lamaan irra hiituu lama ta qaccee duraa fi duubaa lama wolitti hiitu qabaattuu ti.
EXO 28:8 Hiituun worra hujii harkaa beekuun hujante sun, akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa san worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee hujantee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin tokko teetee, wolitti qassiifantee hujantuu ti.
EXO 28:9 «Ati dhakaa gatii guddo'oo lama fuudhiitii, maqaa ijoollee Yaaqoobii kudhanii lamaa irratti qiriixi;
EXO 28:10 akkuma tarree dhaloota isaaniititti, dhakaa tokkocha irratti maqaa jaa, ka hafe jaan dhakaa kaan irratti qiriixi.
EXO 28:11 Akkuma nama chaappaa qiriixuu atille maqaa ijoollee Yaaqoobii dhakaa lamaan san irratti qiriixi; achiin duuba dhakoota san, seesa xiyyoo worqi'ii ka daraaraa fakkaatu keessa galchi.
EXO 28:12 Yaadannoo ijoollee Yaaqoobii akka te'u, dhakaa lamaan san, fannoo woyaa hayyumma'aa ta qomaa irratti qassiisi. Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara kolbaa tiyya akka yaadadhu, Aaron maqaa isaanii gurmuu ifii irratti ba'atuu ti.
EXO 28:13 Ati xiyyoo seesa worqi'ii ta daraaraa fakkaattu hujiitii,
EXO 28:14 haachaba worqii qullu'uu, ka akka wodaro'oo fowame lama hujiitii, xiyyoo seesa worqi'ii ka daraaraa fakkaatu saniin wolitti qassiisi.
EXO 28:15 «Kiisii qomaa ta mey fedha kiyya ittiin gaafatanu keessa tee'u, akka nami hujii harkaa beeku huju huji. Akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee dhowantee san huji.
EXO 28:16 Kiisiin sun dheerinni isi'ii taakkuu tokko, badhinni isi'iille taakkuu tokko teetee, dachaafantee rogi isi'ii arfanuu wolqixa te'uu ti.
EXO 28:17 Achiin duuba isii irratti dhakaa gatii guddo'oo tarree afuriin itti maxxansi; tarree qaraatitti dhakaan gatii guddo'oo saardiyon, tophaaziyon fi simaaragidos,
EXO 28:18 tarree lammeesso'ootitti kaarbunkil, safiirosii fi Yaasphis,
EXO 28:19 tarree sadeesso'ootitti Hiiyaakinxos, kaalqedon, ametiisxos,
EXO 28:20 tarree arfeesso'ootitti kirisoliixos, sardoniikis fi beerilos seesa xiyyoo worqi'ii ta daraaraa fakkaattuun itti maxxansi.
EXO 28:21 Gosa Israa'elii kudhanii lamaaf qaabbii akka te'u, dhakoota gatii guddo'oo kudhanii lamaan san irratti, maqaan ilmaan Yaaqoobii kudhanii lamaa ka tokko tokkootuu akka chaappa'aa irratti qiriixamuu ti.
EXO 28:22 «Kiisii qomaa saniif seesa haachaba worqii qullu'uu, ka akka wodaro'oo fowame huji.
EXO 28:23 Qubeelee worqi'ii lama hujiitii roga kiisii qomaa san lamaanitti qassiisi.
EXO 28:24 Seesa haachaba worqii qullu'uu lamaan san, qubeelee lama ta roga kiisii qomaa irra jirtu saniin wolitti qassiisi.
EXO 28:25 Qaccee seesa haachabootaa san lamaan, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gara duraatiin jirtu ta gurmuu irra qaxxaamurtu keessa galchiitii, xiyyoo seesa worqi'ii lama ta daraaraa fakkaatu saniin wolitti qassiisi.
EXO 28:26 Qubeelee worqi'ii lama hujiitii, roga lama ka kiisii qomaa ka dhibi'iititti, qaccee kiisii qomaa ta gara keessaa ta woyaa hayyumma'aatitti aantee jirtutti qassiisi.
EXO 28:27 Ammalle qubeelee worqi'ii ta dhibii lamaan hujiitii, gara duraatiin, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gurmuu irra qaxxaamurtu gara jalaatiin addee hiituun woyaa hayyumma'aa ta qomaa wolitti hodhanteertuun gubba'atti qassiisi.
EXO 28:28 Qubeelee kiisii qomaa irra jirtu, kiisiin qomaa woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin akka wol gad hin lakkinne, hiitu'uun wolitti qassiisiisaan, liilana bifa cuquliisaatiin qubeelee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin wolitti hidhi.
EXO 28:29 «Aaron yennaa gara addee woyyitti'ii seenu, yennuma mara ana Mootii Waan Maraa duratti akka isaan ittiin yaadatamanu, maqaa ilmaan Yaaqoobii kiisii qomaa, ta mey fedhii tiyya ittiin gaafatanu keessa jiru keessatti qoma ifii irratti ba'atuu ti.
EXO 28:30 Uriimii fi tumiimille kiisii qomaa san keessa hin keetta; maarre Aaron gara addee woyyittii fuula ana Mootii Waan Maraa dura yennaa seenu, Uriimii fi tumiim kiisii qomaa san keessa keyatee, qoma ifii irratti ba'atuu ti.
EXO 28:31 «Qoloon woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin uffatanu guutumatti bifa cuquliisaa teetuu ti;
EXO 28:32 Gara gubba'aa wodhakkaa isi'iitiin qowa mataan seenu qabaattuu ti; qowi sun akka hin tarsaane goodamuu ti.
EXO 28:33 Irga handaara isaatitti fakkii midhaan muka rumaanii ta bifa cuquliisaa, ta bifa dhiille'eetii fi ta bifa liilana diima'aa hujiitii odduu odduu isaaniititti bilbila worqi'ii itti hidhi.
EXO 28:34 Bilbilli worqi'iitii fi fakkiin midhaan muka rumaanii irga handaara qolo'ootitti tarreessi; tarreen isaalle bilbila worqi'ii, fakkii midhaan muka rumaanii te'anee handaara qolo'oo irratti naanneffaman.
EXO 28:35 Aaron yennaa tajaajilu qoloo tana uffatuu ti; inni ana Mootii Waan Maraa dura addee woyyittii yennaa seenuu fi yennaa gad bawu akka hin duuneef qililleettiin bilbilaa dhage'amuu ti.
EXO 28:36 «Kallacha worqii qullittii irraa hujiitii, ‹Ka Mootii Waan Maraatiif Woyyoome› jedhiitii akka chaappaa irratti qiriixanu irratti qiriixi.
EXO 28:37 Marata mata'aatitti qassiisiisaaf liilana bifa cuquliisaa itti hidhi. Marata san irratti gara fuula duraatiin te'uu ti.
EXO 28:38 Aaron kallacha san adda ifii irratti keyatuu ti; Aaron yakkaa kennansa woyyicha kolbaan Israa'elii naaf adda baachee dhikeessitu keessa jirtu hin ba'ata. Kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraa duratti fudhatama akka qabaattu kallachi sun yennaa mara adda Aaronii irra jiraatuu ti.
EXO 28:39 «Qoloo haga miilaa dheerattuu fi marata mata'aa quncee talba'aa dansa'aan huji; hiituun sunille ta nami hujii harkaa beeku huje teetuu ti.
EXO 28:40 «Ilmaan Aaronii kabajja'aa fi ulfinna akka qabaatanu, qoloo haga miilaa dheerattu, hiitu'uu fi gullee mata'aa isaaniif huji.
EXO 28:41 Woyaa tana obboleessa keeti Aaronii fi ilmaan isaatitti uffitteen duuba, isaan muudiitii hayyoota tolchi; hayyoota te'anee akka na tajaajilanu isaan woyyoonsi.
EXO 28:42 «Nafi isaanii ka hilaa akka hin mudhanne, quncee talba'aa irraa mutaandii woyaa jalaan hidhatanu ta hidha irraa kaatee haga gudeedaa geettu isaaniif huji.
EXO 28:43 Nafi isaanii ka hilaa mudhatee isaan akka hin duuneef, Aaronii fi ilmaan isaa yennaa gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu yookiin tajaajiliisaaf gara addee woyyitti'ii seenanee gara addee ciinca'aa yennaa dhikaatanu mara mutaandii woyaa jalaan hidhatanu tana hidhatanuu ti. «Kun Aaronii fi sanyii isaatiif seerata bara baraa te'uu ti.
EXO 29:1 «Aaronii fi ilmaan isaa hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, isaan woyyoonsiisaaf wonni ati tolchitu kana: Dardara tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne fuudhi.
EXO 29:2 Bullaa qamadi'ii dansaa ta uukoo hin qanne irraa daabboo, bixee zayiti'iin sukkuumantee fi bixee hephellittii zayitiin irra dibante hujiitii,
EXO 29:3 saaxaraa keessa keyiitii, kormaa fi korbeeyyii hoole'ee lama woliin naaf dhikeessi.
EXO 29:4 Achiin duuba Aaronii fi ilmaan isaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa fidiitii, nafa isaanii bisaaniin dhiqi.
EXO 29:5 Woyaa hayyootaa fuudhiitii, qoloo haga miilaa dheerattu, qoloo woyaa hayyumma'aa woliin uffatanu, woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaa Aaronitti uffisi.
EXO 29:6 Marata mata'aa itti mariitii, kallacha worqii irraa hujame marata mata'aa sanitti qassiisi.
EXO 29:7 Zayitii muudaa fuudhiitii, mataa isaa irratti dhangalaasii isa muudi.
EXO 29:8 Ilmaan isaa fidiitii qoloo haga miilaa dheerattu itti uffisi.
EXO 29:9 Hidha Aaroniitii fi ilmaan isaatitti hiituu hidhi; maratalle mataa isaaniititti mari. Akka kanaan Aaronii fi ilmaan isaa hayyoota akka te'anu godhi. Hayyummaan seera bara baraa isaaniif teetuu ti.
EXO 29:10 «Dardara Dunkaanii Woldeenna'aa dura fidiitii, Aaronii fi ilmaan isaa mataa isaa irra harka akka keyanu godhi.
EXO 29:11 Dardara san seensuma Dunkaanii Wolgeyi'iititti Mootii Waan Maraa duratti qali.
EXO 29:12 Dhiiga korma sanii irraa diqqaa isaa fuudhiitii, quba keetiin gaafota addee ciinca'aa dibi. Ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasi.
EXO 29:13 Achiin duuba moora meya gadha'aa, qaccee tiru'uutii fi kalattii lamaanuu moora isii irra jiru woliin fuudhiitii addee ciinca'aatitti ciincessi.
EXO 29:14 Foon dardaraa, gogaa isaatii fi meya gadha'aa ka isaa addee quttumaatiin alatti gubi. Kun ciincaa araara cubbu'uutiif dhikaatu.
EXO 29:15 «Korbeeyyii hoole'ee lamaan san keessaa tokkocha fuudhii, Aaronii fi ilmaan isaa mataa isaa irra harka ifii akka keyanu godhi.
EXO 29:16 Korbeessa san qaliitii, dhiiga isaa fuudhiitii cinaa addee ciinca'aa arfanittuu fiffixi.
EXO 29:17 Foon korbeessaa san kukkuttii, meya gadha'aatii fi luka isaa dhiqiitii, mata'aa fi foon kukkutame kaan woliin keyi.
EXO 29:18 Achiin duuba foon korbeessaa san mara addee ciinca'aa irratti gubi; kun kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
EXO 29:19 «Korbeessa hoole'ee kaanille fuudhiitii, Aaronii fi ilmaan isaa mataa isaa irra harka ifii akka keyanu godhi.
EXO 29:20 Korbeessa san qaliitii, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhiitii, qaccee gurra Aaronii ka gara middaatii fi gurra ilmaan isaa ka gara middaa, quba isaanii abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaanii abguddicha ka miila middichaa dibi; ka hafe cinaa addee ciinca'aa arfanittuu fiffixi.
EXO 29:21 Dhiiga addee ciinca'aa irraa diqqaa isaatii fi zayitii muudaa irraa diqqoo isi'ii fuudhiitii Aaronii fi woyaa isaatitti, ilmaan isaatii fi woyaa isaaniititti fiffixi. Achiin duuba Aaronii fi woyaan isaa, ilmaan isaatii fi woyaan isaanii hin woyyooman.
EXO 29:22 «Korbeessa hayyuu ittiin te'anu waan te'eef, korbeessa san irraa: cooma duma isaa, moora meya gadha'aa, qaccee tiru'uu, kalattii lamaanuu moora isi'ii woliin, luka gara middaa fuudhi.
EXO 29:23 Saaxaraa daabboo uukoo hin qannee ta Mootii Waan Maraa dura jirtu keessaa xaltaa, bixee zayiti'iin sukkuumantee fi bixee hephellittii fuudhi.
EXO 29:24 Kana maraa harka Aaroniitii fi ilmaa isaa irra keyiitii kennansa tachoofamu godhiitii ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosi.
EXO 29:25 Achiin duuba harka isaanii irraa fuudhiitii addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu woliin gubi. Kun kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
EXO 29:26 Yennaa Aaron hayyuu te'u cormii korbeessa hoole'ee fuuteen duuba, kennansa tachoofamu godhiitii ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosi. Kun qooda keeti hin te'a.
EXO 29:27 «Aaronii fi ilmaan isaa yennaa hayyoota te'anu, cormii tachoofantee fi luka korbeessa hoole'ee ta dhikaatte san woyyoonsi.
EXO 29:28 Kennansa tokkumma'aa ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu keessaa, kun yennaa mara qooda Aaroniitii fi ilmaan isaa te'uu ti.
EXO 29:29 «Aaron du'een duuba woyaa isaa woyyittii san akka muudantee hayyuu ittiin teetu sanyiin isaa uffattuu ti.
EXO 29:30 Ilmi addee isaatitti hayyuu te'ee addee woyyittii keessa tajaajilaaf gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenu guyyaa torba uffatuu ti.
EXO 29:31 «Foon korbeessa hoole'ee ka yennaa isaan hayyuu te'anu qalame san fuudhiitii addee woyyitti'itti iffeeli.
EXO 29:32 Aaronii fi ilmaan isaa foon korbeessaa sanii fi daabboo saaxaraa keessaa san seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti nyaatanuu ti.
EXO 29:33 Isaan kennansa yennaa isaan hayyuu te'anu gumaa cubbu'uutiif dhikaate san nyaatanuu ti; kennansi kun woyyuu waan te'eef, nami dhibiin hin nyaatin.
EXO 29:34 Foon korbeessa yennaa isaan hayyuu te'anu qalamee yookiin daabboon hattee yoo bulte gubi; sagalee woyyittii waan teeteef hin nyaatamin.
EXO 29:35 «Seera isaan hayyoota ittiin te'anu guyyaa torba keessatti muummessiisaan, Aaronii fi ilmaan isaatiif, waan ani si ajaje mara tolchi.
EXO 29:36 Gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, guyyuma guyya'aan dardara tokko araara cubbu'uutiif ciincessi. Gumaa cubbu'uu tolchiisaan addee ciinca'aa qulqulleessiitii, isii woyyoonsiisaaf muudi.
EXO 29:37 Guyyaa torba addee ciinca'aatiif gumaa cubbu'uu tolchiisaan isii woyyoonsi. Achiin duuba addeen ciinca'aa sun irra caalaa woyyittii hin teeti; wonni isii tuqu marti woyyuu hin teeti.
EXO 29:38 «Yennaa mara guyyuma guyya'aan buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo lama addee ciinca'aa irratti ciincaa dhikeessi.
EXO 29:39 Buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ganama, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko galgala ciincaa dhikeessi.
EXO 29:40 Buruusoo korbeessa hoole'ee ka qara dhikaatu woliin bullaa qamadi'ii dansaa kiiloogiraama tokko ta zayitii ejersaa qullittii litirii tokkoon sukkuumantee fi kennansa daadhii woyni'ii litirii tokko dhikeessi.
EXO 29:41 Buruusoo korbeessa hoole'ee kaan akkuma buruusoo korbeessa hoole'ee ka qaraa kaanitti kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu, ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhiitii, galgala dimimmisa ciincaa dhikeessi.
EXO 29:42 «Kennansi gubamu kun dhaloota dhufuufille seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti ana Mootii Waan Maraa duratti yennaa mara dhikaata. Ani achitti si'iin wol dhaggee, si'itti hin dubbadha.
EXO 29:43 Ani achitti Israa'elootalle'een wol hin dhagga; addeen sunille ulfinna kiyyaan hin woyyoonti.
EXO 29:44 «Maarre ani Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa hin woyyoonsa; Aaronii fi ilmaan isaalle hayyoota te'anee akka na tajaajilanu hin woyyoonsa.
EXO 29:45 Achiin duuba ani Israa'eloota odduu jiraadhee Waaqa isaanii hin te'a.
EXO 29:46 Odduu isaanii jiraatiisaaf biyya Gibxi'ii keessaa ka isaan baase ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii akka te'e hin beekan. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii ti.
EXO 30:1 «Addee ciinca'aa ta hixaana itti ciincessanu muka gololchaatiin ijaari.
EXO 30:2 Dheerinni isi'ii ciqilee tokko, badhinni isi'ii ciqilee tokko, hojjaan isi'ii ciqilee lama te'ee, rogi arfanuu wol qixa te'uu ti. Roga arfanittuu gaafota itti baasi.
EXO 30:3 Gubbaa isi'iitii fi roga isi'ii mara, gaafota isi'iille worqii qulluu itti gonfi. Roga isi'ii irra naannessii xiyyoo worqi'ii itti huji.
EXO 30:4 Danqaraa keessa loosanee addee ciinca'aa ittiin ba'atiisaaf, qubee worqi'ii lama hujiitii xiyyoo jalatti gama lamaanittuu qassiisi.
EXO 30:5 Muka gololchaa irraa danqaraa hujiitii worqii itti gonfi.
EXO 30:6 Addee ciinca'aa san gollaa Saanduqa Gondooro'ootiin duratti fannifameeruun fuula dura, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka Saanduqa Gondooro'oo irra jiru addee ani si'iin wol dhaggu san dura keyi.
EXO 30:7 «Aaron yennaa issaa qopheessu, ganama ganama addee ciinca'aa irratti hixaana foolee dansaa qabu aarsuu ti.
EXO 30:8 Inni galgala dimimmisa yennaa issaa issu, hixaana aarsuu ti; maarre hixaanni dhaloota dhufuuf, ana Mootii Waan Maraa duratti yennaa mara hin aarfama.
EXO 30:9 Addee ciinca'aa tana irratti hixaana dhooggame hin aarsin yookiin kennansa gubamu yookiin kennansa midhaanii hin dhikeessin; kennansa daadhii woyni'iille irratti hin dhibaasin.
EXO 30:10 Aaron wogga'atti yennaa tokko, gumaa cubbu'uu gaafota isi'ii irratti tolchuu ti. Gumaan araara cubbu'uu ka wogga'atti tolfamu kun dhiiga araaraa cubbu'uu woliin dhaloota dhufu maraaf tolfamuu qaba. Gumaan kun ana Mootii Waan Maraatiif irra caalaa woyyicha» jedhe.
EXO 30:11 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
EXO 30:12 «Ati kolbaa Israa'elii yennaa laakkottu, isaan yennaa laakkowamanu, balaan akka isaanitti hin buune, wodoo lubbuu ifii ana Mootii Waan Maraatiif kaffalanuu ti.
EXO 30:13 Worri laakkossatti dabalamu martinuu akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti meetii gara giraama kudhanii tokkoo kennuu ti. Kennansi kun ana Mootii Waan Maraatiif kennama.
EXO 30:14 Worri laakkossatti dabalamu marti, ka woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii, kennansa naaf kennanuu ti.
EXO 30:15 Gumaa araara cubbuu teessaniitiif, kennansa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa kennitanu, dureessichi meetii gara giraama kudhanii tokkoo caalaa, hiyyeessille meetii gara giraama kudhanii tokkoo hanqisee hin kennin.
EXO 30:16 Beesee gumaa cubbu'uu tana Israa'eloota irraa fuudhiitii tajaajila Dunkaanii Woldeenna'aa irra oolchi. Lubbuu teessaniif gumaa cubbu'uu tolchiis kun isin Israa'elootaaf ana Mootii Waan Maraa duratti yaadannoo hin te'a» jedhe.
EXO 30:17 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
EXO 30:18 «Akka itti dhiqatanu, gabataa itti dhiqatanuu fi waan isa irra keyanu sageettuu irraa hujiitii wodhakkaa Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa keyiitii, bisaan itti naqi.
EXO 30:19 Aaronii fi ilmaan isaa bisaan saniin harkaa fi miila ifii dhiqatanuu ti.
EXO 30:20 Isaan yennaa Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu akka hin duune bisaan saniin dhiqatanuu ti. Isaan kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaan tajaajiliisaaf gara addee ciinca'aa yennaa dhikaatanulle,
EXO 30:21 akka hin duuneef harkaa fi miila ifii bisaan saniin dhiqatanuu ti. Kun dhaloota dhufuuf, Aaronii fi sanyii isaatiif seerata bara baraa te'uu ti» jedhe.
EXO 30:22 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
EXO 30:23 «Uddowaa dansaa: fiqiree qumbi'ii gara kiiloogiraama jaa, qarafaa gara kiiloogiraama sadii, marra uddowu gara kiiloogiraama sadii,
EXO 30:24 dakkara gara kiiloogiraama jaa fuudhiitii akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti, zayitii ejersaalle gara litirii afurii itti ede'iitii,
EXO 30:25 akka fiqiree worri hujii isi'ii beeku hujuu godhiitii zayitii muudamaa woyyittii huji. Isiin zayitii muudamaa woyyittii hin teeti.
EXO 30:26 Achiin duuba Dunkaanii Woldeenna'aatii fi Saanduqa Gondooro'oo,
EXO 30:27 xarapheessa'aa fi meya isaa mara, waan issaa irra keyanuu fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu,
EXO 30:28 addee ciinca'aa ta kennansa gubamuutii fi meya isi'ii mara, akkasuma gabataa itti dhiqatanuu fi waan isa irra keyanu dibi.
EXO 30:29 Akka isaan irra caalaa woyyoomanu ati isaan woyyoonsi; isaanille irra caalaa woyyuu hin te'an; ka isaan tuqe marti woyyuu hin te'a.
EXO 30:30 Hayyoota te'anee akka na tajaajilanu Aaronii fi ilmaan isaa muudiitii woyyoonsi.
EXO 30:31 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Tun dhaloota dhufuuf zayitii woyyittii tiyya ta muudamaa ti.
EXO 30:32 Zayitii tana nama mara irratti hin dhangalaasina'a. Zayitii akka kanaa ta dhibiille hin hujina'a; isiin woyyitti'i; akka isiin woyyuu teetelle qalbeeffadha'a.
EXO 30:33 Nami zayitii akka kanaa ta dhibii hujee, hayyoota malee nama dhibii muude marti, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe.
EXO 30:34 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Uddowaa dansaa: ceem'aa muka uddowuu, uddowaa muka adda addaa irraa dhaggamu, aanan muka uddowuutii fi hixaana muka hin qanne ka madaalliin isaanii wol qixxee te'ane fuudhiitii,
EXO 30:35 akka fiqiree worri hujii isi'ii beeku hujuu, atille soodda itti naqiitii hixaana qulluu woyyicha qopheessi.
EXO 30:36 Isa irraa diqqaa isaa daakii bulleessiitii, Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa addee ani si'iin wol dhaggu Saanduqa Gondooro'oo fuula dura keyi; inni irra caalaa woyyuu si'iif te'a.
EXO 30:37 Hixaana akkasii ifiif hin qopheeffatin; inni ana Mootii Waan Maraatiif woyyuu akka te'e qalbeeffadhu.
EXO 30:38 Nami ittiin gammadiisaaf hixaana akkasii hujate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti» jedhe.
EXO 31:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een
EXO 31:2 «Kunoo, ani gosa Yihuda'aa keessaa akaakoo Huurii, ilma Urii Bazaali'el filadhee,
EXO 31:3 ogumma'aan, dandeetti'ii fi beekkumsaan hujii harkaa mara akka huju Ayyaana kiyyaan isa guuteera.
EXO 31:4 Inni akka itti worqii, meeti'ii fi sageettuu hujanu karoora hin baasa.
EXO 31:5 Inni dhakaa dhodhoosee qiriixee, mukalle bocee xabbee, hujii harkaa mara hin huja.
EXO 31:6 Ammalle, gosa Daanii keessaa ilma Ahisamaakii Aholiiyaab akka isa qarqaaru fileera; waan ani si ajaje mara akka hujanu, worra hujii harkaa beeku maraafille ani ogummaa kenneera.
EXO 31:7 Dunkaanii Woldeenna'aa, Saanduqa Gondooro'ootii fi qadaaddaa araarri cubbu'uu irra keyamu ka isii irra jiru, meya Dunkaanii Woldeenna'aa mara,
EXO 31:8 xarapheessa'aa fi meya isaa mara, waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujamee fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu,
EXO 31:9 addee ciinca'aa ta kennansa gubamuutii fi meya isi'ii mara, gabataa itti dhiqatanuu fi waan gabataan sun irra keyamu,
EXO 31:10 woyaa kuulante woyyittii ta Aaronii fi ilmaan isaa yennaa hayyumma'aan tajaajilanu uffatanu,
EXO 31:11 zayitii muudaa, addee woyyitti'iifille hixaana uddowu akkuma ani si ajajetti hujanuu ti» jedhe.
EXO 31:12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
EXO 31:13 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Guyyaa Sanbataa kiyya eeggadha'a. Ani Mootii Waan Maraa ka isin woyyoonsu akka te'e akka beettanuuf, dhaloota dhufu mara keessatti Sanbati kun anaa fi isin wodhakka'atti beessisa hin te'a.
EXO 31:14 Guyyaan Sanbataa isiniif woyyuu waan te'eef, Sanbata eeggadha'a. Nami Sanbata eegatuu dhabe ijjeefamuu ti; guyyaa san nami hujii huju marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
EXO 31:15 Guyyaa jaa hujii teessan hujadha'a; guyyaan torbeesso'oo ammoo guyyaa ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome Sanbati guyyaa fooraa ti. Nami guyyaa Sanbataa hujii huje marti ijjeefamuu ti.
EXO 31:16 Kolbaan Israa'elii dhaloota dhufu mara keessatti, Gondooroo bara baraa gootee, guyyaa Sanbataa eeggatiisaaf jilifattuu ti.
EXO 31:17 Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti gubba'aa fi lafa dadee, guyyaa torbeesso'oo ammoo hujii irraa hafuura fudhadhee foorfadhe; guyyaan kun anaa fi Israa'eloota wodhakka'atti haga bara baraa beessisa hin te'a› jedhi» jedhe.
EXO 31:18 Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti Muusee woliin dubbatee yennaa fixe, dhakaa baxxicha lamaan ka qubuma ifiitiin irratti barreesse san Muuse'etti kenne.
EXO 32:1 Kolbaan sun Muuseen gaara irraa gad bu'iisa dhabee akka ture yennaa dhaggite, Aaronitti dachaatee, «Muuseen nu sooressee biyya Gibxi'ii keessaa nu baase sun maan akka te'e hin beennu; tanaaf ka'iitii waaqota nuun dura deemanu nuu huji» jedhaneen.
EXO 32:2 Aaronille deebisee, «Worqii gurraa ta dubartoota teessanii, ta ilmaan teessaniitii fi durra teessanii irraa baasa'aatii gara kiyya fida'a» jedheen.
EXO 32:3 Maarre kolbaan martinuu worqii gurraa ta ifii baafatanee gara Aaronii fidane.
EXO 32:4 Innille worqii san harka isaaniitii fuudhee, meya fakkii ittiin hujatanu keessatti baqisiisee, bifa itti baasee, fakkii jabbi'ii worqii irraa huje. Achiin duuba, kolbaan, «Ee Israa'el, waaqi keeti ka biyya Gibxi'ii keessaa si baase isa kana» jette.
EXO 32:5 Aaronille yennaa waan kana dhagge, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante san duratti, addee ciinca'aa ijaaree, «Boru Mootii Waan Maraatiif guyyaa jilaa te'uu ti» jedhee lallabe.
EXO 32:6 Maarre boruyyaa kolbaan ganamaan kaatee kennansa gubamu dhikeessitee, kennansa tokkumma'aalle kennite. Achiin duuba isaan nyaataa fi uniisatti gad tee'ane; sirba fokkisiisulle sirbiisatti ka'ane.
EXO 32:7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een «Kolbaan teeti ta ati sooressitee biyya Gibxi'ii keessaa baatte waan gara baddeef, ka'ii gad bu'i.
EXO 32:8 Isaan waan ani isaan ajaje irraa goranee, worqii baqisiifante irraa waaqa dharaa ka fakkii jabbi'ii ifiif hujatanee isi'iif sagadane; ciincaalle isi'iif dhikeessanee, ‹Ee Israa'el, waaqi keeti ka biyya Gibxi'ii keessaa si baase isa kana› jedhane.
EXO 32:9 Ani kolbaa tana dhaggeera. Isaan worra mataa jabaatu.
EXO 32:10 Aariin tiyya isaan irratti bobeettee, akka ani isaan fixu ati na lakkisi. Achiin duuba ani gosa guddoo takka si hin tolcha» jedhe.
EXO 32:11 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti ta ati hunna guddo'oo fi irree jaddu'uun biyya Gibxi'ii keessaa baatte irratti aariin teeti maaf bobeetti?
EXO 32:12 Worri Gibxi'ii, ‹Mootiin Waan Maraa duruuyyuu yaada hama'aaf, gaara irratti isaan ijjeesee, lafa irraa isaan balleessiisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase› maaf jedhan ree? Ati aarii teeti ta bobeettu tana caffadhu; kolbaa teeti irralle'etti balaa hin buusin.
EXO 32:13 Tajaajiltoota teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob ta maqaa keetiin isaaniif kakattee, ‹Sanyii teessan akka urjii ol gubba'aa hin baceessa; lafa isiniif waadaa gale tana mara sanyii teessaniif hin kenna; latti sun haga bara baraa lafa isaan dhaalanu hin teeti› jette san qaabadhu» jedhe.
EXO 32:14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa aarii san caffatee, balaa kolbaa ifii irratti fidiisaaf yaadate san lakkise.
EXO 32:15 Muuseen dhakaa baxxicha lamaan ka gama lamaaniinuu seerri kudhan duraa fi duubaan itti barreeffameeru san harkatti qabatee, gaara irraa gad bu'e.
EXO 32:16 Dhakoota baxxicha kana ka huje Waaqa; dhakoota baxxacha kana irratti qiriixee ka seera kana barreesselle Waaqaayyu.
EXO 32:17 Iyaasuun hogaa caanca kolba'aa yennaa dhage'e, Muuse'een, «Addee quttumaa keessa caanca lolaatitti jira» jedhe.
EXO 32:18 Muuseelle deebisee, «Caanci ani dhage'e kun caanca sirbaati malee, caanca qeexalaa yookiin caanca bowichaatii moti» jedhe.
EXO 32:19 Muuseen gara addee quttumaatitti yennaa dhikaate, fakkii jabbi'iitii fi qeexala kolba'aa dhaggee, aaree bobe'ee, dhakaa baxxicha seerri irratti barreeffameeru san harka ifii irraa qolaansee, gaara jalatti caccasse.
EXO 32:20 Fakkii jabbi'ii ta isaan hujane san fuudhee ibiddaan gube. Achiin duuba daakee bulleessee, bisaanitti bittinneessee kolbaan Israa'elii akka untu godhe.
EXO 32:21 Inni Aaroniin, «Kolbaan tun maan si goonaan ati akka isaan cubbuu guddoo akkanaa hujanu goote?» jedhe.
EXO 32:22 Aaronille deebisee Muuse'een, «Goottaa kiyya, ati natti hin aarin; kolbaan tun hammeennaan akka qabanteertu atinuu hin beetta.
EXO 32:23 Isaan anaan, ‹Muuseen nu sooressee biyya Gibxi'ii keessaa nu baase sun maan akka te'e hin beennu; waaqota nuun dura deemanu nuu huji!› jedhane.
EXO 32:24 Maarre ani, ‹Nami faaya worqi'ii qaddanu marti baafadha'a› jedhee itti hime; achiin duuba isaan worqii san natti kennanee, anille worqii san ibidda keessa buusee, worqiin sun fakkii jabbi'ii teetee baate» jedhe.
EXO 32:25 Kolbaan seera malee jiraattee, diinoti isaanii akka isaanitti murganu, Aaron akka isaan gad lakkise, Muuseen dhagge.
EXO 32:26 Maarre inni seensuma addee quttumaa dura dhaabbattee, «Nami ka Mootii Waan Maraa te'e marti gara kiyya dhufuu ti!» jedhe; worri Lewwootaa marti gara isaa dacha'ane.
EXO 32:27 Achiin duuba inni, isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ‹Nami tokko tokkooyyuu shallaagaa ifii hidhatee, addee quttumaa keessa cinaa tokko irraa haga cinaa taanii asii fi achi deemaa obboleessa ifii, jaala ifiitii fi ollaa ifii ijjeesuu ti› jedha» jedhe.
EXO 32:28 Lewwootille akkuma Muuseen isaan ajaje tolchane, guyyuma sanuu nami gara kuma sadii dhumate.
EXO 32:29 Achiin duuba Muuseen Lewwootaan, «Ilmaan teessanii fi obboleeyyan teessan irratti waan kaataneef adha Mootii Waan Maraatiif adda baataneertan, tanaaf inni adha isin eebbiseera» jedhe.
EXO 32:30 Guyyaa itti aanu Muuseen kolba'aan, «Isin cubbuu guddoo hujjaneertan; tanaaf ani amma gara Mootii Waan Maraa gara gaaraa ol hin baya; cubbuu teessaniif gumaa tolcha fa te'a» jedhe.
EXO 32:31 Maarre Muuseen gara Mootii Waan Maraa deebi'ee, «Aanne'e! Kolbaan tun cubbuu guddoo hujjeerti; worqii irraa waaqota hujanee waaqonfataneeran.
EXO 32:32 Amma ammoo, maganne'ee cubbuu isaanii, isaaniif araarami; yoo araaramuu dhadde ammoo kitaaba maqaa kiyya itti barreessite keessaa maqaa kiyya haqi» jedhe.
EXO 32:33 Mootiin Waan Maraa deebisee, Muuse'een, «Nama na duratti cubbuu huje qofa, ani maqaa isaa kitaaba kiyya keessaa haqa.
EXO 32:34 Amma dhaqiitii kolbaa san addee ani sitti hime san geessi! Ergamaan kiyyalle si'iin dura hin deema. Te'uu malee, yennaan ani isaan adabu yoo geette, cubbuu isaaniitiif, ani isaan hin adaba» jedhe.
EXO 32:35 Maarre kolbaan akka Aaron worqii irraa fakkii jabbi'ii huju waan gooteef, Mootiin Waan Maraa balaa isaanitti buuse.
EXO 33:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Atii fi kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte, gara lafa ani, ‹Sanyii teetiif hin kenna› jedhee, Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kaku'uun waadaa gale sanii deema'a.
EXO 33:2 Ani ergamaa isiniin dura ergee, Kana'aanota, Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota ari'ee hin baasa.
EXO 33:3 Gara lafa aananii fi dammaa san deema'a. Isin kolbaa mataa jabaattu waan teetaneef, karaa irratti akka isin hin balleessineef, ani isin woliin hin deemu» jedhe.
EXO 33:4 Kolbaan dubbii rakkittuu tana yennaa dhageette, bowiisa jalqadde; nami tokkolle seesa adda addaa hin keyanne.
EXO 33:5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een «Ati Israa'elootaan, ‹Isin kolbaa mataa jabaattu waan teetaneef, ani haguma diqqaalle isin woliin adoo deemu te'ee isin hin balleessa. Amma seesa adda addaa ifi irraa baafadha'a; ani waan isin godhu hin murteessa› jedhi» jedhe.
EXO 33:6 Maarre Israa'elooti gaara siina'aa irratti seesa ifii ka adda addaa ifi irraa baafatte.
EXO 33:7 Muuseen Dunkaanii san fuudhee addee quttumaatiin ala irraa fageessee dhaabee, «Dunkaanii Woldeenna'aa» jedhee moggaase. Nami Mootii Waan Maraa wo gaafatuu barbaadu marti gara Dunkaanii Woldeenna'aa ta addee quttumaatiin ala jirtu san dhaqa.
EXO 33:8 Yennaa Muuseen bayee gara dunkaani'ii deemu mara, kolbaan marti kaatee seensuma dunkaanii ifii dura dhaabbattee, haga Muuseen dunkaanii seenu ilaalti.
EXO 33:9 Akkuma Muuseen gara Dunkaani'ii seeneen utubaan duumensaa gad bu'ee seensuma Dunkaani'ii dura dhaabbata; Mootiin Waan Maraalle duumensa keessaa Muusee woliin dubbata.
EXO 33:10 Kolbaan utubaan duumensaa seensuma Dunkaani'ii dura dhaabbatuun yennaa dhaggitu mara, isaan martinuu ol ka'anee seensuma dunkaanii ifii duratti sagadan.
EXO 33:11 Akkuma nami nama dhibii woliin dubbatu, Mootiin Waan Maraa fuula duratti Muusee woliin dubbata; achiin duuba Muuseen gara addee quttumaa deebi'a; Iyaasuun ilmi Nunii dargaggeessichi isa qarqaaru sun ammoo dunkaanii lakkisee hin deemu.
EXO 33:12 Muuseen Mootii Waan Maraatiin, «Ati, ‹Kolbaa tana sooressi› jettee natti hinteerta; te'uu malee, nama na woliin ergitu natti hin hinne; ati, ‹Ani si beeka; na birattille fudhatama qadda› naan jetteerta.
EXO 33:13 Ani si biratti yoo fudhatama qabaadhe, akka si beeku, yennaa mara si biratti fudhatama qabaadhu karaa keeti na barsiisi. Kolbaan tunille kolbaa teeti akka teete qaabadhu» jedhe.
EXO 33:14 Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Anumatti si woliin ideema; fooralle si'iif hin kenna» jedhe.
EXO 33:15 Muuseelle deebisee, «Ati yoo nu woliin hin ideenne teete asii nu hin baasin.
EXO 33:16 Ati yoo nu woliin hin ideemin, anii fi kolbaan teeti si biratti fudhatama akka qannu nami attam beeka ree? Ati nu woliin yoo hin jiraatin, anaa fi kolbaa teeti, kolbaa biyya lafaa ta dhibii irraa wonni nu adda godhu maan ree?» jedhe
EXO 33:17 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati na biratti fudhatma waan qadduuf, maqaa keetille'een waan si beekuuf, waan ati na gaafatte kana mara si'iif hin godha» jedhe.
EXO 33:18 Achiin duuba Muuseen, «Maganne'e, ulfinna keeti natti mudhisi» jedhe.
EXO 33:19 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Dansummaa tiyya mara si'iin dura hin dabarsa; ani maqaa kiyya, Mootii Waan Maraa si biratti hin lallaba. Ani namuma mararfadhu, hin mararfadha; namuma itti gadhaa laafuuf, gadhaa hin laafaaf.
EXO 33:20 Garuu, nami fuula kiyya dhagge le'uu waan hin dandeenneef, ati fuula kiyya dhagguu hin dandeettu.
EXO 33:21 Kunoo, addeen ati rassaa irra dhaabbattu, na bira jirti.
EXO 33:22 Yennaa ulfinni kiyya achiin dabaru, baqaqa rassa'aa keessa si keyee, ani haga dabarutti harka kiyyaan si golla.
EXO 33:23 Achiin duuba ani harka kiyya si duraa fuudhee, ati dudda kiyya hin dhaggita; garuu fuula kiyya hin dhaggitu» jedhe.
EXO 34:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dhakaa baxxicha lama kama qaraa kaan fakkeessiitii boci. Anille jechoota dhakaa ati caccassite kaan irra jiranu san irratti hin barreessa.
EXO 34:2 Ganamaan qophowiitii gara gaara siina'aa ol bayi. Achitti qaccee gaaraa gubba'atti na dura dhaabbadhu.
EXO 34:3 Nami tokkolle si woliin ol hin bayin yookiin gaara irratti eessalle'etti hin mudhatin; gaara san jala horiille hin tikatin» jedhe.
EXO 34:4 Maarre Muuseen dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame kama qaraa kaan ka fakkaatu bocee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame san harkatti qabatee barii ganama gara gaara Siina'aa ol baye.
EXO 34:5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa duumensa keessa gad bu'ee achitti isa woliin dhaabbatee maqaa ifii, Mootii Waan Maraa lallabe.
EXO 34:6 Inni Muusee dura dabaree, lallabee, «Ani Mootiin Waan Maraa, Mootii Waan Maraa, Waaqa mararaa arja'a; ka aari'iif hin ariifanne; jaalalli kiyya ka bara baraatii fi arjummaan tiyya baca'a.
EXO 34:7 Jaalala kiyya ka bara baraa haga dhaloota kuma heddu'uutitti hin eegadha; hammeenna, finqilaa fi cubbuu hin araarama. Te'uu malee, yakkaamessa adoo hin adabin hin lakkisu; ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii haga dhaloota sadii fi afuriititti, cubbuu abbooti'iitiif hin adaba» jedhe.
EXO 34:8 Muuseen yennuma san lafatti gad gombifamee sagadee,
EXO 34:9 «Ee Gootta'a, ani yoo si biratti fudhatama dhaggadhee jiraadhe, ani akka ati nu woliin ideentu si daadimadha. Kolbaan tun mataa jabeeyyii teetulle, hammeennaa fi cubbuu teenna nuu araaramiitii kolbaa teeti nu tolfadhu» jedhe.
EXO 34:10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ani Gondooroo si woliin godhataara; kolbaa teeti mara duratti biyya lafaa irratti kolbaa lafa irra jirtu mara keessatti baasa tanaan qara te'ee hin beenne hin godha. Kolbaan ati odduu leetu, baasa ani Mootiin Waan Maraa sii godhu hin dhaggiti.
EXO 34:11 Waan ani adha si ajaju muummessi. Ani Amoorota, Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota si duraa hin ari'a.
EXO 34:12 Akka isaan tiyyoo si'itti hin teene, addee ati dhaqaartu worra lafa san keessa le'u woliin Gondooroo akka hin goone ifi eeggadhu.
EXO 34:13 Addee ciinca'aa ta isaanii diiga'a; soodduu isaanii woyyittii butucha'a; utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantu ta isaanii jissa'a.
EXO 34:14 Ani Mootii Waan Maraa, Waaqa hinaatticha waan te'eef, waaqa dhibii hin waaqonfatin.
EXO 34:15 «Kolbaa lafa sanii woliin akka wol hin Gondoorre ifi eeggadhu; sababille isaan waaqota ifii gula fiiganee yennaa ciincaa dhikeessanu si hin waaman; atille ciincaa san hin nyaatta.
EXO 34:16 Ilmaan teeti durra isaanii yennaa fuusifatte, durri sun waaqota ifii gula fiiganee, ilmaan teetille akka isaanii waaqota isaanii gula akka hin fiinne ifi eeggadhu.
EXO 34:17 «Sibiila baqe irraa waaqota dharaa hin hujatin.
EXO 34:18 «Jila daabboo uukoo hin qannee jilifadhu; ji'a Abiibii keessa biyya Gibxi'iitii waan baateef, akkuma ani si ajajetti guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadhu.
EXO 34:19 «Ilmi angafa te'ee dhalate marti kiyya; jibichi yookiin korbeessi qara dhalatelle kiyya.
EXO 34:20 Harree korma qara dhalate buruusoo korbeessa hoole'eetiin wodi; yoo woduu dhadde ammoo morma isaa micciiri; ilmaan teeti keessaa angaficha wodi. «Nami tokkolle harka duwwaa na dura hin dhikaatin.
EXO 34:21 «Guyyaa jaa hujii teeti hujadhu; guyyaa torbeesso'oo ammoo foorfadhu; yennaa qottee facaafattu, yennaa midhaan galfattulle teetu foorfadhu.
EXO 34:22 «Midhaan qamadi'ii ka matooma bilchaatu yennaa galfattu, jila torbaan torbaa jilifadhu; dhuma wogga'aa irralle'etti, jila midhaan galfatiisaa jilifadhu.
EXO 34:23 Dhiirtiin marti wogga'atti yennaa sad ana Mootii Waan Maraa ka Waan Mara Dande'u, Waaqa Israa'el duratti dhaggamanuu ti.
EXO 34:24 Ani gosa biyya adda addaa si duraa ari'ee lafa teeti si'iif hin badhisa; wogga'atti yennaa sad ana Goottaa Waaqa keeti duratti dhaggamiisaaf yennaa ol baatu, nami tokkolle lafa teeti hin fudhatu.
EXO 34:25 «Daabboo uukoo qaddu dhiiga ciinca'aa ka anaaf dhikaate woliin hin dhikeessin; foon horii Jila Irra Dabaramaatiif qalame irraa haga ganamaa hin tursin.
EXO 34:26 «Waan latti si'iif baache keessaa midhaan matoomaa ka irra caalaa dansa'aa ana Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif dhikeessi. «Buruusoo re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelin» jedhe.
EXO 34:27 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani jechoota kanaan si woliin, kolbaa Israa'elii wolille'een Gondooroo waan gondooradheef, jechoota kana barreeffadhu!» jedhe.
EXO 34:28 Muuseen midhaan adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Mootii Waan Maraa woliin achi ture. Inni jechoota Gondooro'oo, ajajoota kudhan dhakaa baxxicha irratti barreesse.
EXO 34:29 Muuseen dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame san harkatti qabatee gaara irraa yennaa gad bu'e, inni Mootii Waan Maraa woliin dubbataa waan tureef, fuulli isaa akka ifiisatti jiru hin beenne.
EXO 34:30 Aaronii fi Israa'elooti marti Muusee yennaa dhaggane, fuulli isaa waan ifiisatti jiruuf gara isaa dhikaatiisa sodaatane.
EXO 34:31 Muuseen ammoo isaan waamee, Aaronii fi sooressitooti kolba'aa marti gara isaa deebi'ane; innille isaanitti dubbate.
EXO 34:32 Achiin duuba kolbaan Israa'elii marti Muusee bira dhufanee, inni ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa gubba'atti isatti dubbate san isaan ajaje.
EXO 34:33 Muuseen isaanitti dubbatee fixeen duuba fuula ifii hagooggate.
EXO 34:34 Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbbatiisaaf, fuula isaa dura yennaa dhikaatu, hagoogguu fuula ifii irraa dhooggata; yennaa gad bayu ammoo waan ajajame mara Israa'elootatti hima.
EXO 34:35 Isaan fuulli Muuse'ee akka ifu dhaggane. Achiin duuba inni Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf, yennaa dhaqu mara fuula ifii hin hagooggata.
EXO 35:1 Muuseen wolde'a gumii Israa'elii mara wolitti qabee, isaaniin, «Wonni akka isin gootanuuf Mootiin Waan Maraa isin ajaje ta asii gad jirtu:
EXO 35:2 Guyyaan jaa guyyaa huji'ii ti; guyyaan torbeesso'oo ammoo Sanbata woyyicha ka ana Mootii Waan Maraatiif itti foorfattanu. Nami guyyaa Sanbataa hujii huje marti ijjeefamuu ti.
EXO 35:3 Guyyaa Sanbataa mana keessanitti ibiddalle hin gabbifatina'a» jedhe.
EXO 35:4 Muuseen kolbaa Israa'elii maraan «Wonni Mootiin Waan Maraa isin ajaje asii gad jirti:
EXO 35:5 Isin waan qaddanu keessaa ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessa'a! Nami kennansa kenniisaaf fedhu, kennansa worqi'ii, ka meeti'iitii fi sageettu'uu dhikeessuu ti.
EXO 35:6 Woyaa bifa cuquliisaa, woyaa bifa dhiille'eetii fi woyaa bifa liilana diima'aa, woyaa quncee talba'aa, woyaa rifeensa re'e'ee,
EXO 35:7 gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame, gogaa hoolee galaanaa, muka gololchaa,
EXO 35:8 zayitii ejersaa ta ifaaf teetu, uddowaa zayitii ejersaa ta dibatanutti naqanu, hixaana foolee dansa'aa,
EXO 35:9 dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu dhikeessuu ti.
EXO 35:10 «Isin keessaa worri ogummaa qabu marti dhufee waan Mootiin Waan Maraa ajaje mara hujuu ti:
EXO 35:11 Dunkaanii Woyyittii, irbuusa isi'ii ka jala aanuu fi ka gubbaa aanu, hookkota isi'ii, danqaraa isi'ii, mikikkiloota isi'ii, utuboota isi'iitii fi shafee utuboota isi'ii,
EXO 35:12 Saanduqa Gondooro'oo utuboota isi'ii woliin, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamuu fi gollaa isaa,
EXO 35:13 xarapheessaa, danqaraa isaatii fi meya isaa mara woliin, daabboo na dura dhikaattulle,
EXO 35:14 issa'aafille waan issaa irra keyanu meya isi'ii woliin, issa'aa fi zayitii ejersaa ta ifaaf teetu,
EXO 35:15 addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu danqaraa isi'ii woliin, zayitii muudaatii fi hixaana uddowu, gollaa karaa balbala seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii,
EXO 35:16 addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, waan akka meemme'ee ka sageettuu irraa hujame ka cilee kiphee daadhaa gad harcaasu ka isi'ii woliin, danqaraa isi'ii meya isaa mara woliin, qorii itti dhiqatanu ta sageettuu irraa hujante shafee isi'ii woliin;
EXO 35:17 gollaa badhinna dalleya keessaa utuboota isaatii fi shafee utubootaa woliin, gollaa seensuma gara badhinna sanii;
EXO 35:18 chikaalota Dunkaani'ii, chikaalota badhinna dalleya keessaa saniitii fi wodaroota isaanii;
EXO 35:19 woyaa kuulante woyyittii ta Aaroniin hayyichii fi ilmaan isaa addee woyyittii keessa yennaa hayyumma'aan tajaajilanu uffatanu hujanuu ti» jedhe.
EXO 35:20 Achiin duuba kolbaan Israa'elii marti Muusee biraa ka'anee deemane.
EXO 35:21 Nami kennansa kenniisaaf fedhee, gadhaan isaa isa kakkaase, dhufee hujii Dunkaanii Woldeenna'aatiif, tajaajila isi'ii maraaf, woyaa hayyootaatiifille kennansa Mootii Waan Maraatiif fidane.
EXO 35:22 Worri fedhii qabu marti dhiirtii fi dubartiille dhufanee faaya worqi'ii ka adda addaa: dirata, qubee gurraa, qubee qubaatii fi seesa adda addaa mara kennane. Isaan martinuu kennansa addaa worqii ifii Mootii Waan Maraatiif fidane.
EXO 35:23 Worri woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, liilana diimaa, woyaa rifeensa re'e'ee, woyaa quncee talba'aa dansaa, gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame qabu marti fide.
EXO 35:24 Nami meetii yookiin sageettuu qabu marti Mootii Waan Maraatiif kenne; nami muka gololchaa qabulle hujii adda addaatiif ka te'u fide.
EXO 35:25 Dubartooti ogummaa qabanu marti woyaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille'ee, liilana diimaa yookiin woyaa quncee talba'aa dansaa, waan harka ifiitiin suqane mara fidane.
EXO 35:26 Dubartooti huji'iif fedhii qabaatanee ogummaa qabanu marti rifeensa re'e'ee suqane.
EXO 35:27 Sooressitooti dhakaa gatii guddo'ootii fi dooqa adda addaa ka woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi kiisii qomaatitti naqanu fidane.
EXO 35:28 Akkasuma isaan uddowaa, zayitii ejersaa ta ifaaf teetuu fi ta muudaaf teetu, hixaana foolee dansa'aalle fidane.
EXO 35:29 Kolbaan Israa'elii marti dhiirtii fi dubartooti, hujii Mootiin Waan Maraa akka isaan hujanuuf karaa Muuse'eetiin isaan ajaje maraaf, kennansa fedhii ifii Mootii Waan Maraatiif fidane.
EXO 35:30 Achiin duuba Muuseen Israa'elootaan, «Kunoo, Mootiin Waan Maraa gosa Yihuda'aa keessaa akaakoo Huurii, ilma Urii Bazaali'el filateera;
EXO 35:31 ogumma'aan, dandeetti'ii fi beekkumsaan, ogummaa hujii harkaa ta adda addaalle akka huju ayyaana ifiitiin isa guuteera.
EXO 35:32 Inni akka itti worqii, meeti'ii fi sageettuu hujanu karoora baasa.
EXO 35:33 Inni dhakaa dhodhoosee qiriixee, mukalle bocee xabbee, hujii harkaa mara hin huja.
EXO 35:34 Mootiin Waan Maraa innii fi ilmi Ahisamaakii Aholiiyaab ka gosa Daanii, worra kaan akka barsiisanu isaan lamaaniifuu dandeettii kenneera.
EXO 35:35 Isaan ogeeyyii hujii harkaa, worra karoora baasu, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aatiin worra kuuluu fi worra woyaa dhowu, ogeeyyii waan maraatii fi worra karoora baasu te'anee hujii adda addaa akka hujanu inni ogumma'aan isaan guuteera.
EXO 36:1 «Maarre, Bazaali'elii fi Aholiiyaab, nami ogummaa qabu, ka Mootiin Waan Maraa hujii addee woyyitti'ii mara attam akka jalqabu akka beekuuf, ogumma'aa fi dandeettii kenneef marti, akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti worra huji huju» jedhe.
EXO 36:2 Achiin duuba Muuseen Bazaali'elii fi Aholiiyaab, nama ogummaa qabu ka Mootiin Waan Maraa dandeettii kenneef, worra dhufee hujii hujiisaaf fedhelle waame.
EXO 36:3 Isaan kennansa Israa'elooti ijaarsa addee Woyyitti'ii jalqabiisaaf fidde mara Muusee harkaa fuudhane. Kolbaan Israa'eliille kennansa fedhii ifii ganama mara Muuse'etti kennite.
EXO 36:4 Maarre Worri ogummaa hujii harkaa qabu ka hujii addee Woyyitti'ii hujiisatti jiru marti hujii lakkisanee gara Muuse'ee dhaqanee,
EXO 36:5 Muuse'een, «Kolbaan hujii Mootiin Waan Maraa akka hujantu ajajeef ka barbaachisu caalaa kennansa fidiisatti jirti» jedhane.
EXO 36:6 Achiin duuba Muuseen, «Nami tokkolle dhiirti yookiin dubartiin kennansa addee Woyyitti'ii dabalanee waan tokkolle hin kennin» jedhanee addee quttumaa keessa guutumatti akka lassanu ajaje. Maarre kolbaan kennansa akka hin finne dhooggane.
EXO 36:7 Sababille kennansi qara fidaneeyyuu hujii hujantu mara geyee irraa hin hafa.
EXO 36:8 Namoota hujii Dunkaanii Woyyitti'ii san hujanu keessaa worri ogummaa qabu marti gollaa qoola kudhan: ka liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowameen, ta fakkiin dada ol-gubba'aa ta koola qaddu, nama hujii harkaa beekuun, irratti hodhanteen Dunkaanii Woyyittii hujane.
EXO 36:9 Gollaan sun tokko tokkoon isaa dheerinni ciqilee diddamii saddeeti badhinni ciqilee afur, marti isaaniituu wol qixa.
EXO 36:10 Isaan qoola golla'aa san shanan wolitti hodhanee, shanan hafane kaanille akkasuma tolchane.
EXO 36:11 Achiin duuba isaan irga qoola golla'aa ka wolitti hodhamee sanitti qubeelee bifa cuquliisaa itti naqe; qoola golla'aa ka wolitti hodhame ka gama kaanii irralle'etti akkasuma tolchane.
EXO 36:12 Isaan ammalle irga qoola golla'aa ka wolitti hodhamane ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama, ta moggaa gama lamaaniituu fuullee wolitti galchanee itti naqane.
EXO 36:13 Achiin duuba isaan Dunkaaniin Woyyittiin takkattii akka teetu, qoola golla'aa ta wolitti hodhamane san wolitti qassiisiisaaf hookkoo worqi'ii shantama hujane.
EXO 36:14 Isaan Dunkaanii Woyyittii san akka gollanuuf, gollaa rifeensa re'e'ee irraa hujame kudhanii tokko hujane.
EXO 36:15 Gollaan kudhanii tokko sun tokko tokkoon isaaniituu dheerinni isaanii ciqilee soddoma, badhinni isaanii ciqilee afur te'anee marti isaaniituu wol qixa.
EXO 36:16 Isaan gollaa shanan wolitti qassiisanee hodhanee, jaan hafane kaanille gara kaaniin wolitti qassiisanee hodhane.
EXO 36:17 Achiin duuba isaan irga gollaa wolitti hodhamane ka qaraatitti qubeelee shantama, ka lammeesso'oo irralle'etti qubeelee shantama itti hodhane.
EXO 36:18 Isaan gollaa gama lamaanii san wolitti qassiisanee Dunkaanii Woyyittii takkattii tolchiisaaf hookkoo sageettu'uu shantama hujane.
EXO 36:19 Achiin duuba isaan gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame irraa Dunkaanii Woyyittii saniif irbuusa hujane; ka dhibiille gogaa hoolee galaana irraa hujanee irra buusane.
EXO 36:20 Isaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyittii ittiin ol dhaabbachiisanu muka gololchaa irraa hujane.
EXO 36:21 Dheerinni mikikkiloota sanii ciqilee kudhan, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.
EXO 36:22 Mikikkilooti Dunkaanii Woyyitti'ii sun akka wol keessa seenanu qaccee irratti gaafa lama ka cinaa wolii jiru hujane; isaan akka kanaan mikikkiloota Dunkaanii Woyyitti'ii mara hujane.
EXO 36:23 Isaan Dunkaanii Woyyittii cinaa gara kibbaatiif mikikkiloota diddama hujane.
EXO 36:24 Mikikkiloota diddama saniifille shafee meetii irraa hujante afurtama hujane; gaafoti lama ka mikikkila tokkoo akka keessa seenanuuf shafee lama lama hujane.
EXO 36:25 Isaan Dunkaanii Woyyittii san cinaa gara kaabaatiif mikikkiloota diddama hujane.
EXO 36:26 Mikikkiloota diddama saniifille, shafee meetii irraa hujante afurtama hujanee, mikikkila tokko tokko jala shafee lama lama keyane.
EXO 36:27 Isaan Dunkaanii Woyyittii cinaa gara aduun seentuutiif mikikkila jaa hujane.
EXO 36:28 Roga Dunkaanii Woyyitti'ii ka irga irgaatiifille mikikkila lama lama hujane.
EXO 36:29 Roga lamaan kana irratti mikikkilooti kun jalaa haga gubba'aatitti lama lama te'anee, qubee takkattii keessa seenan. Gara lamaaniinuu akkasuma te'an.
EXO 36:30 Maarre mikikkiloota saddeetii fi shafee meetii irraa hujante kudhanii jaatti achi jiraayyu; mikikkila tokko tokkoofuu shafee lama lamatti itti keyame.
EXO 36:31 Isaan ammalle muka gololchaa irraa danqaraa shanan mikikkiloota cinaa gara tokkootiif,
EXO 36:32 shanan mikikkiloota cinaa gara kaaniitiif, shanan hafane mikikkiloota gara seensa adu'uu jiranuuf hujane.
EXO 36:33 Isaan danqaraa wodhakka'aa, ka mikikkiloota wodhakkaa cinaa kaan irraa haga cinaa gara kaaniititti fulla'u hujane.
EXO 36:34 Isaan mikikkiloota san worqii itti gonfanee, danqarooti sun akka keessa seenanu qubeelee worqi'ii hujane; danqaroota sanille worqii itti gonfane.
EXO 36:35 Isaan liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowameen gollaa nami hujii harkaa beeku, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti hodhe hujane.
EXO 36:36 Isaan gollaa saniif utuboota muka gololchaa afur hujanee worqii itti gonfane; utuboota saniif hookkoo worqi'ii afur itti hujanee, meetii baqisiifame irralle'ee shafee afur itti hujane.
EXO 36:37 Isaan seensuma Dunkaanii Woyyitti'iitiif, liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa fowamee dhowameen nama hujii harkaa beekuun gollaa hujane.
EXO 36:38 Isaan gollaa saniif utubaa hookkoo qabanu shan hujane; guutuu utuboota saniitii fi qubeelee isaanii worqii itti gonfane; utuboota saniifille shafee shan sageettuu irraa hujane.
EXO 37:1 Bazaali'el Saanduqa Gondooro'oo ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa, hojjaan isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huje.
EXO 37:2 Inni keessa isi'iitii fi duuba isi'ii worqii qulluu itti gonfe; roga isi'ii irra naannessee xiyyoo worqii itti huje.
EXO 37:3 Inni qubee worqi'ii afur hujee, lamaan gara tokkoon, lamaan gara kaaniin, miila isi'ii afurittuu qassiise.
EXO 37:4 Achiin duuba inni muka gololchaa irraa danqaraa bocee worqii itti gonfe.
EXO 37:5 Danqaraa isii ittiin ba'atanu, qubeelee Saanduqa Gondooro'oo ta gama lamaaniin jirtu san keessa galche.
EXO 37:6 Qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ta dheerinni isi'ii ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, badhinni isi'ii ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa worqii irraa huje.
EXO 37:7 Achiin duuba inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama worqii tumante irraa qaccee lama ta qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo irratti huje.
EXO 37:8 Dada ol-gubba'aa ta koola qaddu san tokko qaccee gara tokkootitti, dada ol-gubba'aa ta koola qaddu ta lammeesso'oo qaccee garakaaniititti keye; dada ol-gubba'aa ta koola qaddu san qaccee qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo lamaanittuu wolitti qassiisee tokko tolche.
EXO 37:9 Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonboobaneeraniiyyu; fuula ifiille wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro'oo san ilaalaniiyyu.
EXO 37:10 Inni Xarapheessaa dheerinni isaa ciqilee lamaa, badhinni isaa ciqilee tokkoo, hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa muka gololchaa irraa huje.
EXO 37:11 Achiin duuba inni Worqii qulluu itti gonfe; roga isaa irralle naannessee worqii itti gonfe.
EXO 37:12 Inni xiyyoo haga badhinna ganaa harkaa geettu irga isaa irratti naannessee worqii itti gonfe.
EXO 37:13 Xarapheessaa saniif qubee worqi'ii afur hujee, addee miilli isaa afur jirutti roga isaa afur irratti qassiise.
EXO 37:14 Qubeeleen afur sun danqaraa xarapheessaa ittiin ba'atanu akka qaddu, xiyyoo san bira keye.
EXO 37:15 Danqaraa muka gololchaa irraa huje; xarapheessaa san ittiin ba'atiisaaf worqii itti gonfe.
EXO 37:16 Waan daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu gabataa, qorii, kobolaa fi muduunuu worqii qullittii irraa huje.
EXO 37:17 Inni Waan issaa irra keyanu worqii qullittii irraa huje. Miila isi'ii, ulee isi'ii, muduunuu daraaraa fakkaattu, guntuta daraara'aatii fi daraaraa seesaa waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiisee tokko tolchee huje.
EXO 37:18 Waan ifa irra keyannu kana irratti dameelee jaa, gara tokkoon sad, gara kaaniin sad huje.
EXO 37:19 Dameelee waan issaa irra keyanuu jaanuu irratti, muduunuun daraaraa muka «Almond» jedhamuu fakkaattu ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu sad jiraniiyyu.
EXO 37:20 Waan issaa irra keyanu san irra, muduunuun daraaraa muka «Almond» jedhamuu fakkaattu afur ta seesa guntuta daraara'aatii fi seesa daraara'aa qaddu jirtiiyyu.
EXO 37:21 Dameelee waan issaa irra keyanuu lamaan qaraa jala guntuti daraara'aa tokko, dameelee lamaan ka lammeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka lammeesso'oo, dameelee lamaan sadeesso'oo jala guntuti daraara'aa ka sadeesso'oo jiraniiyyu.
EXO 37:22 Guntuti daraara'aatii fi dameeleen sun martinuu waan issaa irra keyanu san woliin wolitti qassiifamanee tokko te'anee, worqii qullittii irraa hujamane.
EXO 37:23 Inni ifa torba waan ifa irra keyanu, qarapha'aa fi waan daadhaa itti harcaasanu worqii qulluu irraa huje.
EXO 37:24 Inni waan issaa irra keyanuu fi meya isi'ii mara worqii qullittii kiiloogiraama soddomii shanii irraa huje.
EXO 37:25 Inni addee ciinca'aa ta hixaana itti ciincessanu muka gololchaatiin ijaare. Dheerinni isi'ii ciqilee tokko, badhinni isi'ii ciqilee tokko, hojjaan isi'ii ciqilee lama te'ee, rogi arfanuu wol qixa. Roga arfanittuu gaafota itti baase
EXO 37:26 Inni gubbaa isi'iitii fi roga isi'ii mara, gaafota isi'iille worqii qulluu itti gonfe. Roga isi'ii irra naannessee xiyyoo worqi'ii itti huje.
EXO 37:27 Inni danqaraa keessa loosanee addee ciinca'aa ittiin ba'atanu, qubee worqi'ii lama hujee, xiyyoo jalatti gama lamaanittuu qassiise.
EXO 37:28 Inni muka gololchaa irraa danqaraa hujee worqii itti gonfe.
EXO 37:29 Inni akka worri fiqiree dansaa qopheessu hujuu, zayitii woyyittii ta muudaatii fi hixaana qulluu ka foolee dansa'aalle huje.
EXO 38:1 Bazaali'el addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu muka gololchaatiin ijaare. Dheerinni isi'ii ciqilee shan, badhinni isi'iille ciqilee shan, hojjaan isi'ii ciqilee sad.
EXO 38:2 Inni gaafotii fi addeen ciinca'aa tokko akka te'anu roga isi'ii arfanuu irratti gaafota itti baasee, sageettuu itti gonfe.
EXO 38:3 Meya addee ciinca'aa san mara okkotee daadhaa itti haranu, waan ibidda irratti bobeessanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, filaa fooniille sageettuu irraa huje.
EXO 38:4 Inni waan akka meemme'ee sageettuu irraa hujee, haga hidha addee ciinca'aa ol akka dheerattu, xiyyoo isi'ii jala keye.
EXO 38:5 Inni roga arfan waan akka meemme'ee san irratti danqaraa ittiin ba'atanu akka keessa galchanu qubeelee afur itti huje.
EXO 38:6 Inni addee ciinca'aa san akka ittiin ba'atanu, danqaraa muka gololchaa hujee sageettuu itti gonfe.
EXO 38:7 Danqaraa san addee ciinca'aa akka ittiin ba'atanu, qubeelee addee ciinca'aa cinaa gama lamaaniitiin jirtu san keessa galche. Inni addee ciinca'aa san boollessee falaxaa irraa huje.
EXO 38:8 Inni gabataa itti dhiqatanuu fi shafee isaa ta sageettu'uu, daaw'itii sageettu'uu ta dubartoota seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa tajaajilanuu irraa huje.
EXO 38:9 Inni itti aansee badhinna Dunkaanii Woldeenna'aatitti dalleya ijaare. Badhinni dalleyaa keessaa sun karaa kibbaatiin ciqilee dhibba; gollaa quncee talba'aa dansaa irraa wolitti fowamee hujame qabaatee,
EXO 38:10 utuboota shafee sageettu'uu qabanu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu.
EXO 38:11 Gara kaabaatille'een akkuma kana ciqilee dhibba dheeratee, utuboota shafee sageettu'uu qabanu diddama ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu.
EXO 38:12 Badhinni dalleya keessaa sun gara seensa adu'uutiin, ciqilee shantama badhatee, golla'aa fi utuboota kudhan shafee kudhan qabanu, ka hookko'oo fi qubeelee meetii irraa hujamane ifi irraa qabanu qabaayyu.
EXO 38:13 Dhuma gara ila boru'uu, karaa aduun baatulle'een, ciqilee shantama badhata.
EXO 38:14 Dheerinni golla'aa seensuma irraa gara tokkoon ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qabaayyu.
EXO 38:15 Akkasuma seensuma irraa gara kaaniin dheerinni golla'aa ciqilee kudhanii shan te'ee, utuboota sad ka shafee sad qabanu qaba.
EXO 38:16 Gollaan cinaa badhinna dalleya keessaa jiru marti quncee talba'aa dansaa wolitti fooyame irraa hujame.
EXO 38:17 Shafeen utubootaa ta sageettuu irraa hujante yoo teetu, hookko'oo fi qubeeleen utuboota irra jiranu meetii irraa hujamane; guutuun utubootaalle meetiin itti gonfanteerti. Utubooti badhinna dalleya keessaa marti qubeelee qaban.
EXO 38:18 Gollaan seensuma badhinna dalleya keessaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun dhowame. Dheerinni isaa ciqilee diddama; akkuma gollaa badhinna dalleya keessaa hojjaan isaa ciqilee shan.
EXO 38:19 Utubooti isaa afurii fi shafeen isaa arfanuu sageettuu irraa hujamane; hookkoti utubootaatii fi qubeeleen utubootaa meetii irraa hujamane. Guutuun utubootaalle meetiin itti gonfanteerti.
EXO 38:20 Chikaaloti Dunkaanii Woyyitti'iitii fi ka badhinna dalleya keessaa marti sageettuu irraa hujamane.
EXO 38:21 Mey Dunkaanii Woyyitti'ii, ka Itaamaariin Lewwichi ilmi Aaronii hayyichaa, ajaja Muuse'eetiin, tarre'etti barreessee qopheesse asii gad jira:
EXO 38:22 Akaakoon Huurii ilmi Urii Bazaali'el, gosa Yihuda'aa keessaa waan Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje mara huje.
EXO 38:23 Gosa Daanii keessaa ilmi Ahisamaakii Aholiiyaab, ka hujii harkaa beeku, ka karoora baasu fi ka liilana quncee talba'aa dansaa bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'ee fi diima'aan woy seesee hodhu isa woliin jiraayyu.
EXO 38:24 Dunkaanii Woyyittii ijaariisaaf worqiin kennansa tachoofamuuf kennante sun wolumatti akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti kiiloogiraama kuma tokko.
EXO 38:25 Meetiin kolbaa laakkowante irraa wolitti qabante, akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii fi soddomaa ti.
EXO 38:26 Namooti worra qara laakkowametti dabalamane ka woggaan isaanii diddamaa fi diddamaa olii laakkossi isaanii kuma dhibba jaa fi kuma sadii fi dhibba shanii fi shantama. Isaan kun mataa mataa isaaniititti akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'iititti meetii gara giraama kudhanii tokkoo kennane.
EXO 38:27 Meetiin kiiloogiraam kum sadii fi dhibbi afur baqisiifantee shafee Dunkaanii Woyyitti'iitii fi shafee golla'aa dhibba hujante. Shafeen tokko tokkoo meetii kiiloogiraama soddomii fi afuriin hujante.
EXO 38:28 Meetii kiiloo giraama soddoma hatteen Bazaali'el utuba'aa fi hookkota utubootaa hujee guutuu utubootaalle itti gonfe.
EXO 38:29 Sageettuun kennansa tachoofamuuf kennante kiiloogiraama kuma lamaa fi dhibba afurii fi diddamii shan.
EXO 38:30 Isuma tanaan shafee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa, addee ciinca'aatii fi waan akka meemme'ee ta addee ciinca'aa sanii, meya isi'ii maralle,
EXO 38:31 Shafee dalleya badhinna Dunkaanii Woldeenna'aa, shafee karra badhinna Dunkaanii Woldeenna'aa, chikaalota Dunkaanii Woldeenna'aa ka badhinna Dunkaanii Woldeenna'aatitti naanneffameeru mara huje.
EXO 39:1 Isaan woyaa kuulante ta addee woyyittii keessa yennaa tajaajilanu uffatanu liilana bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diima'aatiin hujane. Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, woyaa woyyittiille Aaroniif hujane.
EXO 39:2 Isaan woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aa ka wolitti fowameen hujane.
EXO 39:3 Isaan worqii worri hujii harkaa beeku baqisiisanee hephelleessanee hujane akka liilanaa kukkutanee liilana bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diima'aatiin wolitti fowane.
EXO 39:4 Gurmuu lamaan irra hiituu lama ta qaccee duraa fi duubaa lama wolitti hiitu woyaa hayyumma'aa ta qomaa saniif hujane.
EXO 39:5 Hiituun worra hujii harkaa beekuun hujante sun akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa san worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee hujantee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin tokko teetee wolitti qassiifante.
EXO 39:6 Isaan dhakaa gatii guddo'oo lama fuudhanee, maqaa ijoollee Yaaqoobii kudhanii lamaa akka chaappa'aa irratti qiriixane.
EXO 39:7 Achiin duuba isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, dhakaa gatii guddo'oo san Yaadannoo ilmaan Yaaqoobiitiif, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gurmuu Aaronii irratti qassiisane.
EXO 39:8 Isaan kiisii qomaa ta akka nami hujii harkaa beeku hujuu hujane; akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aa ka wolitti fowameen hujane.
EXO 39:9 Kiisiin sun dheerinni isi'ii taakkuu tokko, badhinni isi'iille taakkuu tokko teetee, dachaafantee rogi isi'ii arfanuu wolqixa.
EXO 39:10 Achiin duuba isaan isii irratti dhakaa gatii guddo'oo tarree afuriin itti maxxansane; tarree qaraatitti dhakaan gatii guddo'oo saardiyon, tophaaziyon fi simaaragidos,
EXO 39:11 tarree lammeesso'ootitti kaarbunkil, safiirosii fi Yaasphis,
EXO 39:12 tarree sadeesso'ootitti hiiyaakinxos, kaalqedon, ametiisxos,
EXO 39:13 tarree arfeesso'ootitti kirisoliixos, sardoniikis fi beerilos seesa xiyyoo worqi'ii ta daraaraa fakkaattuun itti maxxansane.
EXO 39:14 Gosa Israa'elii kudhanii lamaaf qaabbii akka te'u, dhakoota gatii guddo'oo kudhanii lamaan san irratti, maqaan ilmaan Yaaqoobii kudhanii lamaa ka tokko tokkootuu akka chaappa'aa irratti qiriixameera.
EXO 39:15 Isaan kiisii qomaa saniif seesa haachaba worqii qullu'uu, ka akka wodaro'oo fowame hujane.
EXO 39:16 Xiyyoo seesa worqi'ii ta daraaraa fakkaattuu fi qubeelee worqi'ii lama hujanee roga kiisii qomaa san lamaanitti qassiisane.
EXO 39:17 Seesa haachaba worqii qullu'uu lamaan san, qubeelee lama ta roga kiisii qomaa irra jirtu saniin wolitti qassiisane.
EXO 39:18 Qaccee seesa haachabootaa san lamaan, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gara duraatiin jirtu ta gurmuu irra qaxxaamurtu keessa galchanee, xiyyoo seesa worqi'ii lama ta daraaraa fakkaatu saniin wolitti qassiisane.
EXO 39:19 Qubeelee worqi'ii lama hujanee, roga lama ka kiisii qomaa ka dhibi'iititti, qaccee kiisii qomaa ta gara keessaa ta woyaa hayyumma'aatitti aantee jirtutti qassiisane.
EXO 39:20 Achiin duuba isaan qubeelee worqi'ii ta dhibii lamaan hujanee, gara duraatiin, hiituu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta gurmuu irra qaxxaamurtu gara jalaatiin addee hiituun woyaa hayyumma'aa ta qomaa wolitti hodhanteertuun gubba'atti qassiisane.
EXO 39:21 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, qubeelee kiisii qomaa irra jirtu, kiisiin qomaa woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin akka wol gad hin lakkinne, hiitu'uun wolitti qassiisiisaan, liilana bifa cuquliisaatiin qubeelee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin wolitti hidhane.
EXO 39:22 Qoloo woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin uffatanu guutumatti liilana bifa cuquliisaatiin hujane.
EXO 39:23 Gara gubba'aa wodhakkaa isi'iitiin qowa mataan seenu qaddiiyyu; qowi sun akka hin tarsaane goodameera.
EXO 39:24 Handaara qoloo sanii ka liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetii fi diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aatiin wolitti fowamee dhowame san jalatti fakkii midhaan muka rumaanii itti hujane.
EXO 39:25 Isaan worqii qulluu irraa bilbilalle hujanee, handaara sanitti naannessanee, odduu odduu fakkii midhaan muka rumaanii sanitti hidhane.
EXO 39:26 Bilbilli fi fakkiin midhaan muka rumaanii sun irga handaara qolo'oo san irratti tarreeffamanee wol geyan; qoloo tana akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, hayyichi yennaa tajaajila hayyumma'aa uffata.
EXO 39:27 Isaan ammalle Aaronii fi ilmaan isaatiif quncee talba'aa dansaa irraa qoloo haga miilaa dheerattu,
EXO 39:28 marata mata'aa, gullee mata'aatii fi mutaandii woyaa jalaan hidhatanu ta hidhaa kaatee haga gudeedaa geettu ta fowantee dhowante isaaniif hujane.
EXO 39:29 Hiituu liilana quncee talba'aa dansaa irraa wolitti fowantee dhowante ta bifa cuquliisaa, ta bifa dhiille'eetii fi diimaa irraa akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti hujane.
EXO 39:30 Isaan kallacha woyyicha, worqii qulqullu'uu hujanee, akka barreeffama chaappaa irratti barreeffamee, «Mootii Waan Maraatiif ka woyyoome» jedhanee irratti qiriixane.
EXO 39:31 Achiin duuba isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, liilana bifa cuquliisaatiin hidhanee, marata mata'aatitti qassiisane.
EXO 39:32 Maarre hujiin Dunkaanii Woyyittii, Dunkaanii Woldeenna'aa sun hobbaate. Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti hujane.
EXO 39:33 Achiin duuba isaan Dunkaanii Woyyittii Woldeenna'aa gara Muuse'ee fidane: Dunkaanii Woyyitti'ii fi meya isi'ii mara, hookkoo isi'ii, mikikkiloota isi'ii, danqaraa isi'ii, utuboota isi'ii, shafeelee isi'ii,
EXO 39:34 irbuusa gogaa korbeessa hoole'ee ka hallame, irbuusa gogaa hoolee galaanaa, gollaa;
EXO 39:35 Saanduqa Gondooro'oo utuboota isi'ii woliin, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamulle;
EXO 39:36 xarapheessaa meya isaa mara woliin, daabboo Waaqa dura dhikaatulle;
EXO 39:37 waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujame ifa isaa ka tarreeffamee fi meya isaa mara woliin, zayitii ejersaa ta ifaaf teetu;
EXO 39:38 addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante; zayitii muudaa, hixaana foolee dansa'aatii fi gollaa seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii;
EXO 39:39 addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante waan akka meemme'ee ta sageettuu irraa hujante ta isi'ii woliin, danqaraa isi'iitii fi meya isi'ii mara woliin; qorii itti dhiqatanu shafee isi'ii woliin;
EXO 39:40 gollaa badhinna dalleya Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa utuboota isaatii fi shafeelee utuboota isaa, gollaa seensuma badhinna dalleya Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa; wodarootaa fi chikaalota dunkaanii ittiin dhaabanu, chikaalota badhinna dalleya Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa, meya Dunkaanii Woyyitti'ii mara;
EXO 39:41 woyaa kuulante woyyittii ta Aaroniin hayyichii fi ilmaan isaa addee woyyittii keessa yennaa hayyumma'aan tajaajilanu uffatanu fidane.
EXO 39:42 Israa'elooti hujii mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti hujane.
EXO 39:43 Muuseen hujii mara akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti hujuu isaanii dhagge. Achiin duuba inni isaan eebbise.
EXO 40:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
EXO 40:2 «Dunkaanii Woyyittii, Dunkaanii Woldeenna'aa san ji'a tokkeesso'oo guyyaa qaraa dhaabi.
EXO 40:3 Saanduqa Gondooro'oo ka dhakaan baxxichi ajaji kudhan irratti barreeffameeru keessa jiru san isii keessa keyiitii, golla'aan golli.
EXO 40:4 Xarapheessaa Dunkaanii Woyyittii keessa galchiitii meya isaa irra naqi; achiin duuba waan issaa irra keyanulle Dunkaanii Woyyittii keessa galchiitii issaa isi'ii irra naqi.
EXO 40:5 Addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamu ta worqii irraa hujante san Saanduqa Gondooro'oo ka dhakaan baxxichi ajaji irratti barreeffameeru keessa jiru san dura keyiitii, seensuma Dunkaanii Woyyitti'iille'etti gollaa keyi.
EXO 40:6 «Addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii, Dunkaanii Woldeenna'aa san dura keyi;
EXO 40:7 qorii itti dhiqatanu Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa wodhakkaa keyiitii, bisaan itti naqi.
EXO 40:8 Badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii keessaatitti naannessiitii dalleya itti ijaari; seensuma badhinna dalleya Dunkaanii Woyyitti'ii keessaa sanitti gollaa keyi.
EXO 40:9 «Zayitii muudaa fuudhiitii Dunkaanii Woyyitti'ii fi waan isii keessa jiru mara muudi; isi'ii fi waan isii keessa jiru mara woyyoonsi; isiille woyyuu hin teeti.
EXO 40:10 Achiin duuba addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu fi meya isi'ii mara muudi; addee ciinca'aa san woyyoonsi; isiille woyyuu hin teeti.
EXO 40:11 Qorii itti dhiqatanuu fi shafee isi'iille muudiitii woyyoonsi.
EXO 40:12 «Aaronii fi ilmaan isaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa san fidiitii bisaaniin dhiqi.
EXO 40:13 Achiin duuba woyaa woyyittii Aaronitti uffisi; isa muudiitii akka inni hayyuu te'ee na tajaajilu woyyoonsi.
EXO 40:14 Ilmaan isaa fidiitii qoloo haga miilaa dheerattu itti uffisi.
EXO 40:15 Isaan hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, akkuma abbaa isaanii muudde isaanille muudi; muudam isaanii kun dhaloota dhufu mara keessatti hayyummaa bara baraa te'ee hin jiraata» jedhe.
EXO 40:16 Muuseen waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti huje.
EXO 40:17 Maarre Dunkaaniin Woyyittiin woggaa lammeesso'oo keessaa ji'a tokkeesso'oo guyyaa qaraa dhaabbatte.
EXO 40:18 Muuseen Dunkaanii Woyyittii san yennaa dhaabe, shafeelee isi'ii addee addee isi'iititti keyee, mikikkiloota isi'ii irratti dhaabe; danqaroota isi'ii keessa galchee, utuboota isi'iille dhaabe.
EXO 40:19 Achiin duuba inni akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti gollaa Dunkaanii Woyyittii irra diriirse.
EXO 40:20 Inni dhakaa baxxicha lamaan ajaji irratti barreeffameeru san fuudhee Saanduqa Gondooro'oo keessa keye; danqaroota qubeelee Saanduqa Gondooro'oo keessa galchee, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu irra keye.
EXO 40:21 Achiin duuba akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti Saanduqa Gondooro'oo Dunkaanii Woyyittii keessa galchee, gollaa ittiin gollu fannisee, Saanduqa Gondooro'oo ta dhakaan baxxichi lama ka ajaji kudhan irratti barreeffameeru keessa jiru san golle.
EXO 40:22 Muuseen xarapheessaa san Dunkaanii Woyyittii san gara kaabaatiin, golla'aan ala, Dunkaanii Woldeenna'aa san keessa keye.
EXO 40:23 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti fuula Mootii Waan Maraa duratti daabboo irra keye.
EXO 40:24 Inni waan issaa irra keyanu Dunkaanii Woldeenna'aa keessa fuullee xarapheessa'aa Dunkaanii Woyyittii gara kibbaatiin keyee,
EXO 40:25 akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti issaa fuula Mootii Waan Maraa dura keye.
EXO 40:26 Muuseen addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante san Dunkaanii Woldeenna'aa keessa gollaa fuula dura keyee,
EXO 40:27 akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti hixaana foolee dansa'aa irratti aarse.
EXO 40:28 Achiin duuba inni seensuma Dunkaanii Woyyitti'iititti gollaa hidhe.
EXO 40:29 Inni addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu seensuma Dunkaanii Woyyitti'ii, Dunkaanii Woldeenna'aa san biratti qopheessee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii achi irratti dhikeesse.
EXO 40:30 Inni qorii itti dhiqatanu wodhakkaa Dunkaanii Woldeenna'aatii fi addee ciinca'aa keyee, akka dhiqatanuuf bisaan itti naqee,
EXO 40:31 Muuseen, Aaronii fi ilmaan isaa harka fi miila ifii itti dhiqatane.
EXO 40:32 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, isaan yennaa Dunkaanii Woldeenna'aa seenanu yookiin yennaa addee ciinca'aatitti dhikaatanu mara hin dhiqatan.
EXO 40:33 Achiin duuba Muuseen badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'iitii fi addee ciinca'aatitti naannessee dalleya ijaaree, seensuma badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woyyitti'ii keessaatitti gollaa hidhe; maarre akka kanaan Muuseen hujii fixe.
EXO 40:34 Achiin duuba duumensi Dunkaanii Woldeenna'aa gollee, ulfinni Mootii Waan Maraalle Dunkaanii Woyyittii san guute.
EXO 40:35 Duumensi Dunkaanii Woldeenna'aa irratti waan bu'eef, ulfinni Mootii Waan Maraalle Dunkaanii Woyyittii waan guuteef, Muuseen gara Dunkaanii Woldeenna'aa seeniisaaf hin dandeenne.
EXO 40:36 Yennaa duumensi Dunkaanii Woyyittii irraa ka'e mara, Israa'elooti ka'anee ideeman;
EXO 40:37 duumensi Dunkaanii Woyyittii irraa yoo ka'uu dhabe ammoo, haga guyyaa duumensi irraa ka'utti achii ka'anee hin ideemanu.
EXO 40:38 Maarre Israa'elooti yennaa ideemanu mara, guyyaa guyyaa duumensi Mootii Waan Maraa Dunkaanii Woyyittii irra, halkan halkan ibiddi duumensa keessa jiruun dhaggan.
LEV 1:1 Mootiin Waan Maraa Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa Muusee waamee,
LEV 1:2 «Kolbaa Israa'elootaatiin ‹Isin keessaa nami ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hori'ii yennaa dhikeessu, loon keessaa yookiin hoolee keessaa yookiin re'ee keessaa dhikeessuu ti› jedhi.
LEV 1:3 Kennansi kun kennansa hori'ii ka gubamu yoo te'e, korma fafa hin qanne te'uu ti; Mootii Waan Maraa duratti fudhatama akka qabaatu, seensuma gara Dunkaanii Woldeenna'aa duratti dhikeessuu ti.
LEV 1:4 Nami sun harka ifii mataa horii kennansa gubamuu san irra kewuu ti; kunille gumaa cubbuu isaatiif bakka isaa bu'ee fudhatama qabaata.
LEV 1:5 Inni korma ana Mootii Waan Maraa duratti qaluu ti; achiin duuba ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san fidanee addee ciinca'aa ta gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa jirtu san cinaa isi'ii mara irratti dhangalaasuu ti.
LEV 1:6 Inni kennansa gubamu san gogaa irraa qalee kukkutuu ti.
LEV 1:7 Ilmaan Aaronii hayyichaa addee ciinca'aa irratti ibidda gabbisanee qoraan itti naqanuu ti.
LEV 1:8 Achiin duuba ilmaan Aaronii hayyooti foon kukkutame san, mata'aa fi cooma woliin qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irra tarree galchanee naqanuu ti.
LEV 1:9 Inni meya gadha'aatii fi manyee bisaaniin dhiquu ti; hayyichi meya gadha'aatii fi manyee san mara addee ciinca'aa irratti gubee aarsuu ti; kennansi kun ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
LEV 1:10 «Kennansi gubamu kun tika hoole'ee yookiin tika re'ee keessaa yoo te'e, korbeessa fafa hin qanne te'uu ti.
LEV 1:11 Inni addee ciinca'aa cinaa gara kaabaatitti fuula ana Mootii Waan Maraa duratti korbeessa san qaluu ti; ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga isaa cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasanuu ti.
LEV 1:12 Inni foon san kukkutuu ti; hayyichille foon kukkutame san, mata'aa fi cooma woliin qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irra tarree galchee naquu ti.
LEV 1:13 Namichi meya gadha'aatii fi manyeelee san bisaaniin dhiquu ti. Hayyichi ammoo kennansa gubamu san mara addee ciinca'aa irratti gubuu ti; kennansi gubamu kun ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
LEV 1:14 «Kennansi gubamu ka inni dhikeessu waan koolaan ka'u keessaa yoo te'e, saphaliisa yookiin maddoo te'uu ti.
LEV 1:15 Hayyichi kennansa san addee ciinca'aatitti fidee, mataa micciiree, addee ciinca'aa irratti gubuu ti; dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa irratti coccossuu ti.
LEV 1:16 Daakuu isi'ii baala isi'ii woliin keessaa baasee, addee ciinca'aa gara baya adu'uutitti, addee daadhaa itti gatanutti gatuu ti.
LEV 1:17 Inni karaa koola isi'iitiin gad quncisuutii malee, irraa hin kutin; achiin duuba hayyichi qoraan addee ciinca'aa irratti bobe'u san irratti gubuu ti. Kun kennansa gubamu, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
LEV 2:1 «Eennulle kennansa midhaanii ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu, bullaa dansaa irraa dhikeessuu ti. Inni zayitii ejersaa itti dhangalaasee, hixaanalle irra keyee,
LEV 2:2 gara ilmaan Aaronii hayyootatti geessuu ti. Hayyichi bullaa dansaa ooboo tokko guutu'uu fi zayitiin ejersaa san, hixaana maraayyuu woliin fuudhee, yaadanno'oof akka te'u, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, addee ciinca'aa irratti gamisa gubuu ti.
LEV 2:3 Ka hafe, kennansa midhaanii ka ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti.
LEV 2:4 «Kennansi midhaanii ka boolla ibiddaa keessatti bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, daabboo uukoo hin qanne yookiin bixee hephellittii zayitiin ejersaa irra dibame te'uu ti.
LEV 2:5 Kennansi midhaanii ka eelee sibiilaatitti bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta daabboo uukoo hin qanne ta zayitii ejersaatiin sukkuumante te'uu ti.
LEV 2:6 Kennansa midhaanii waan te'eef daabboo san didiqqeessii caccassiitii zayitii ejersaa itti naqi.
LEV 2:7 Kennansi midhaanii disitii keessatti ka bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin makante teetuu ti.
LEV 2:8 Kennansa midhaanii ka waan kana irraa hujame ana Mootii Waan Maraatiif fidiitii, hayyicha gara addee ciinca'aa geessutti dhikeessi.
LEV 2:9 Hayyichi kennansa midhaanii ka dhikaate kana irraa gamisa fuudhee, yaadanno'oof akka te'u, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka akka dakkara foolee dansaa qadduu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
LEV 2:10 Ka hafe, kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti.
LEV 2:11 «Kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamu woliin uukoo yookiin damma gubiisa waan hin barbaachinneef, kennansa midhaanii ka gubamu ka ati ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu keessa uukoon yookiin dammi hin jiraatin.
LEV 2:12 Isin kennansa midhaan mata'aa ana Mootii Waan Maraatiif kennuu hin dandeettan; isaan kun ammoo kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu te'anee, addee ciinca'aa irratti hin gubamanu.
LEV 2:13 Kennansa midhaanii keeti mara sooddaan mi'eessita. Kennansa midhaanii keeti keessaa soodda gondooroo Waaqa keetii hin lakkisin; kennansa keeti mara soodda keessa buusi.
LEV 2:14 «Ati kennansa midhaan mata'aa ana Mootii Waan Maraatiif yoo fidde, midhaan shawwee ibiddatti woddamee sharame dhikeessi.
LEV 2:15 Inni kennansa midhaanii waan te'eef zayitii ejersaa itti dhangalaasiitii hixaanalle irra keyi.
LEV 2:16 Kun kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamee dhikaatu waan te'eef, hayyichi kennansa midhaan sharameetii fi zayitii ejersaa san gamisa, hixaana maraayyuu woliin yaadanno'oof akka te'u, ibiddaan gubuu ti.
LEV 3:1 «Nami tokko kennansa tokkummma'aa loon keessaa yoo kennu te'e, korma yookiin sa'a fafa hin qanne Mootii Waan Maraa duratti dhikeessuu ti.
LEV 3:2 Inni harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee, seensuma Dunkaanii woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii hayyooti dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti.
LEV 3:3 Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi ka meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
LEV 3:4 kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin baasuu ti.
LEV 3:5 Achiin duuba ilmaan Aaronii addee ciinca'aa irratti, qoraan kennansa gubamuuf bobe'u irratti, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhanee gubanuu ti.
LEV 3:6 «Kennansi tokkumma'aaf kennamu karra hoole'ee yookiin re'e'ee keessaa yoo te'e, korbeessa yookiin dhaltuu fafa hin qanne te'uu ti.
LEV 3:7 Nami tokko buruusoo hoole'ee yoo kenne, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
LEV 3:8 Harka ifii mataa horii kennansa dhikeessee san irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga san cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaasanuu ti.
LEV 3:9 Kennansa tokkumma'aa kana irraa, ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, duma hoole'ee irraa baasee, moora meya gadha'aatitti marateeruu fi meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
LEV 3:10 kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin dhikeessuu ti.
LEV 3:11 Akka kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatuutitti, hayyichi isaan kana addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
LEV 3:12 «Kennansi isaa re'ee yoo te'e, fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
LEV 3:13 Harka ifii mataa isi'ii irra keyee Dunkaanii Woldeenna'aa duratti qaluu ti. Ilmaan Aaronii dhiiga isi'ii cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaasuu ti.
LEV 3:14 Kennansa kana irraa, ka ibiddaan gubamee dhikaatu, moora meya gadha'aatitti marateeru maraa fi moora meya gadha'aa wolitti hidheeru mara,
LEV 3:15 kalattii lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uulle dhikeessuu ti.
LEV 3:16 Coomi martinuu kiyya waan te'eef, kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, hayyichi addee ciinca'aa irratti ibiddaan gubuu ti.
LEV 3:17 «Isin cooma mara, dhiiga maralle hin nyaatina'a! Kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti» jedhe.
LEV 4:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 4:2 «Kolbaa Israa'elootaatiin, ‹Eennulle adoo hin beekin cubbuu yennaa hujee fi ajaja kiyya keessaa tokko irra dabaree waan dhooggame yoo huje,
LEV 4:3 hayyichi guddaan cubbuu yoo huje, kolbaalle'etti yakkaa yoo fide, cubbuu huje saniif dardara fafa hin qanne kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
LEV 4:4 Dardara san seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. Harka ifii mataa dardara sanii irra keyee fuula kiyya duratti qaluu ti.
LEV 4:5 Hayyichi guddaan dhiiga dardara sanii irraa diqqaa isaa fuudhee gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenuu ti.
LEV 4:6 Inni quba ifii dhiiga sanitti cuuphee, diqqaa isaa gollaa addee irra caalaa woyyitti'ii gara duraatiin yennaa torba ana Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti.
LEV 4:7 Achiin duuba hayyichi dhiiga diqqaa isaa gaafota addee ciinca'aa ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa, ta ana Mootii Waan Maraa duratti hixaana irratti aarsanu sanitti dibuu ti. Dhiiga dardaraa ka hafe, addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura jirtu jalatti dhangalaasuu ti.
LEV 4:8 Inni moora dardara araara cubbu'uutiif dhikaatee san mara: moora meya gadha'aatitti marateeruu fi wolitti hidheeru,
LEV 4:9 kalattii lamaanuu moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin dhikeessuu ti.
LEV 4:10 Akkuma moora kennansa tokkumma'aaf dhikaate irraa fuudhamee san, hayyichi addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu irratti gubuu ti.
LEV 4:11 Ammoo gogaa dardaraatii fi foon isaa mara, akkasuma mata'aa fi manyee isaa, meya gadha'aa,
LEV 4:12 addee quttumaatiin alatti baasee, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu teete, addee daadhaan itti haramutti, ibidda qoraaniitiin gubuu ti.
LEV 4:13 « ‹Wolde'i Israa'elii marti adoo hin beekiniiyyuu cubbuu hujanee, ajaja kiyya keessaa tokko irra dabaranee waan dhooggame yoo hujane, wonni sun wolde'a san duratti beekkamuu dhaddulle, isaan yakkaameyyi'i.
LEV 4:14 Cubbuun wolde'i huje sun yennaa beekkante, dardara araara cubbu'uutiif kennamu fidanee Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhikeessanuu ti.
LEV 4:15 Jaarsoleen wolde'aa Mootii Waan Maraa duratti harka ifii mataa dardara sanii irra keyanee, dardarri sun Mootii Waan Maraa duratti qalamuu ti.
LEV 4:16 Achiin duuba hayyichi guddaan dhiiga dardara sanii irraa diqqaa isaa fuudhee, gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenuu ti.
LEV 4:17 Inni quba ifii dhiiga sanitti cuuphee, diqqaa isaa gollaa addee irra caalaa woyyitti'ii gara duraatiin yennaa torba ana Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti.
LEV 4:18 Inni dhiiga diqqaa isaa gaafota addee ciinca'aa ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa, ta ana Mootii Waan Maraa duratti hixaana irratti aarsanu sanitti dibuu ti. Dhiiga dardaraa ka hafe, addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu, ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura jiru jalatti dhangalaasuu ti.
LEV 4:19 Inni moora dardara sanii mara baasee addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
LEV 4:20 Inni dardara kana akkuma dardara araara cubbu'uutiif dhikaate sanii godhuu ti; akka kanaan hayyichi gumaa cubbuu isaaniitiif hin dhikeessa; isaalle araara cubbu'uu hin dhaggatan.
LEV 4:21 Achiin duuba inni dardara san addee quttumaatiin alatti baasee, akkuma dardara qaraa gube san gubuu ti; kun ciincaa araara cubbuu wolde'aa hin te'a.
LEV 4:22 « ‹Sooressi tokko adoo hin beekin cubbuu hujee, ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa ifii keessaa tokko irra dabaree waan dhooggame tokko yoo huje, inni yakkaamessa.
LEV 4:23 Inni cubbuu huje san yoo beeke, korbeessa re'e'ee ka fafa hin qanne, kennansa fiduu qaba.
LEV 4:24 Kun ciincaa araara cubbu'uu waan te'eef, harka ifii mataa korbeessa sanii irra keyee, addee kennansi gubamu ana Mootii Waan Maraa duratti qalamutti qaluu ti.
LEV 4:25 Achiin duuba hayyichi dhiiga korbeessa araara cubbu'uutiif dhikaatee san irraa quba ifiitiin diqqaa isaa fuudhee, gaafota addee ciinca'aa ta kennansi gubamu irratti gubamu dibuu ti; ka hafe ammoo addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti.
LEV 4:26 Moora isaa mara akkuma moora kennansa tokkumma'aa gube san addee ciinca'aa irratti gubuu ti. Akka kanaan hayyichi cubbuu namichaatiif gumaa cubbu'uu kennuu ti; namichille araara cubbu'uu hin dhaggata.
LEV 4:27 « ‹Kolbaa keessaa nami tokko adoo hin beekin cubbuu hujee, ajaja Mootii Waan Maraa keessaa tokko irra dabaree waan dhooggame tokko yoo huje, inni yakkaamessa.
LEV 4:28 Inni cubbuu huje san yoo beeke, re'ee dhaltuu fafa hin qanne, kennansa fiduu qaba.
LEV 4:29 Inni harka ifii mataa re'ittii araara cubbu'uutiif dhikaatte sanii irra keyee, addee kennansa gubamuutitti qaluu ti.
LEV 4:30 Achiin duuba hayyichi dhiiga re'ittii sanii irraa diqqaa isaa quba ifiitiin fuudhee, gaafota addee ciinca'aa ta kennansi gubamu irratti gubamu dibuu ti; ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti.
LEV 4:31 Inni akkuma moora kennansa tokkumma'aaf dhikaatee san, moora isi'ii mara baasuu ti; hayyichi foolee dansaa ana Mootii Waan Maraa gammachiittu godhee addee ciinca'aa irratti gubuu ti. Akka kanaan hayyichi gumaa cubbu'uu isaaf kennuu ti; namichille araara hin dhaggata.
LEV 4:32 « ‹Inni araara cubbu'uutiif buruusoo hoole'ee yoo fide, dhaltuu fafa hin qanne fiduu ti.
LEV 4:33 Inni harka ifii mataa isi'ii irra keyee addee kennansi gubamu itti qalamutti qaluu ti.
LEV 4:34 Achiin duuba hayyichi dhiiga hoolittii araara cubbu'uutiif dhikaatte san irraa diqqaa isaa quba ifiitiin fuudhee, gaafota addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu san dibuu ti; ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti.
LEV 4:35 Inni akkuma moora kennansa tokkumma'aaf dhikaatee san, moora isi'ii mara baasuu ti; hayyichi addee ciinca'aa ta kennansi gubamu ana Mootii Waan Maraatiif gubamu irratti gubuu ti. Akka kanaan hayyichi cubbuu isaatiif gumaa cubbu'uu kennuu ti; namichille araara hin dhaggata.
LEV 5:1 « ‹Nami tokko mana mura'aatitti waan beekuu fi waan dhagge dhugaa akka bayu waamamee, dhugaa bayuu yoo dide, inni yakkaa saniif itti hin gaafatama.
LEV 5:2 Yookiin nami tokko waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'inii reeffa bineensa qulqulluu hin te'inii yookiin reeffa horii qulqulluu hin te'inii yookiin reeffa bineensota gadha'aan lafa irra lowanuu adoo hin beekinille yoo tuqe, inni battoweera; yakkaamessalle'e.
LEV 5:3 « ‹Yookiin nami tokko battummaa gosa tamiille teetu, battii nafa namaa keessaa yaatu adoo hin beekinille yoo tuqe, wonni inni tuqe sun battii akka teete yennaa beeke irraa kaasee, yakkaamessa hin te'a.
LEV 5:4 « ‹Yookiin nami tokko waanuma te'e maraayyuu, waan dansaa yookiin waan hantuu godhiisaaf, yaada malee adoo ifi hin eegatin yoo kakate, inni beekuu dhabulle, yennaa beekeen irraa kaasee, inni yakkaamessa hin te'a.
LEV 5:5 « ‹Eennulle waan akkasii kana keessaa waan tokkoon yakkaamessa yennaa te'e, cubbuu ifii faaci'atuu ti.
LEV 5:6 Inni Cubbuu huje saniif, tika hoole'ee yookiin re'e'ee keessaa gorontii hoole'ee yookiin gorontii re'e'ee, kennansa araara cubbu'uu ana Mootii Waan Maraatiif fiduu ti; hayyichille cubbuu isaatiif gumaa hin godha.
LEV 5:7 « ‹Inni hoolee yookiin re'ee yoo hin qanne te'e, saphaliisa lama yookiin maddoo lama, takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, taan kennansa gubamuuf, ana Mootii Waan Maraatiif fiduu ti.
LEV 5:8 Inni gara hayyichaa isaan fiduu ti; hayyichi isaan keessaa dursee takkattii morma micciiree adoo irraa hin kutin kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessuu ti.
LEV 5:9 Dhiiga kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatee san irraa diqqaa isaa fuudhee, cinaa addee ciinca'aatitti fiffixuu ti; kennansa araara cubbu'uu waan te'eef, dhiiga hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti.
LEV 5:10 Takkattii taanille akkuma seeraatitti akka kennansa gubamuutitti dhikeessuu ti. Hayyichi cubbuu inni huje saniif, gumaa dhikeessuu ti; namichille araara hin dhaggata.
LEV 5:11 « ‹Inni saphaliisa lama yookiin maddoo lama yoo harkaa hin qanne te'e, bullaa dansaa kiiloogiraama lamaa cubbuu huje saniif kennansa araara cubbu'uu dhikeessuu ti. Kun kennansa araara cubbu'uu waan te'eef, zayitii ejersaa yookiin hixaana itti hin naqin.
LEV 5:12 Inni hayyichatti geessuu ti; bullaan tun kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu waan teeteef, hayyichi ooboo tokko guutuu irraa fuudhee, yaadannoo akka teetu, kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamu irratti, addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
LEV 5:13 Akka kanaan hayyichi cubbuu namichi huje tamiifuu gumaa hin kenna; namichille araara cubbu'uu hin dhaggata. Bullaan irraa hatte akkuma kennansa midhaanii hayyichaaf teetuu ti› jedhi» jedhe.
LEV 5:14 Mootiin Waan Maraa Muuse'een
LEV 5:15 «Nami tokko adoo hin beekin waan ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome balleessee yoo yakke, sababa yakkaa saniitiif, hoolee keessaa korbeessa fafa hin qanne ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu waan te'eef, gatiin isaa akka madaallii Dunkaanii Woyyitti'ii ittiin madaalamutti ati itti madaaltetti te'uu ti.
LEV 5:16 Inni waan woyyuu te'e keessaa ta balleesse bakka buusuu ti; gatii isi'ii keessaa harka shan keessaa harka tokko itti dabalee, hayyichatti kennuu ti; hayyichi korbeessa hoole'ee ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu san woliin gumaa cubbuu isaatiif hin dhikeessa. Namichille cubbuu ifiitiif araara hin dhaggata.
LEV 5:17 «Nami tokko cubbuu hujee, ajaja kiyya keessaa waan dhooggame, adoo hin beekinuu tokkolle yoo casse, inni yakkaamessa; yakkaa ifiitiif itti hin gaafatama.
LEV 5:18 Inni horii keessaa korbeessa fafa hin qanne, gatii ati itti madaaltetti kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuuf, gara hayyichaa fiduu ti. Hayyichi balleessaa inni adoo hin beekin huje saniif gumaa hin kenna; namichille araara hin dhaggata.
LEV 5:19 Dhugumaan namichi ana Mootii Waan Maraa duratti yakkaa waan hujeef, kun kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu» jedhe.
LEV 6:1 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een
LEV 6:2 «Seerri nama waan asii gad jiru kana maraan ollaa ifii sobiisaan, ana Mootii Waan Maraa yakkee kana: nami tokko marroo waan magannee itti kenname takkaa yookiin marroo waan qaddii itti kenname takkaa ollaa ifii yoo sobe, ollaa ifii yoo saame, bu'aa dhaggatiisaaf ollaa ifii irratti dhiibbaa yoo tolche,
LEV 6:3 yookiin waan badeeru tokko dhaggee akka hin dhagginiititti dharaan yoo kakate yookiin cubbuu akkanaa tana keessaa takkattiille yoo huje,
LEV 6:4 akka kanaan cubbuu hujee yakkaamessa yoo te'e, inni waan hate yookiin waan saame yookiin waan magannee itti kenname yookiin bu'aa dhaggatiisaaf ollaa ifii irratti dhiibbaa waan tolche yookiin waan baddeertuun dhagge san,
LEV 6:5 yookiin waan akka waan hin dhagginiititti sobaan kakate san maraayyuu deebisuu ti. Guyyaa kennansa sababa yakkaa ifiitiif dhikeessu, gatii isi'iititti harka shan keessaa harka tokko itti dabalee abbaa karraatiif deebisuu ti.
LEV 6:6 Inni horii keessaa korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne, gatii ati itti madaaltetti, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu ana Mootii Waan Maraatiif gara hayyichaa fiduu ti.
LEV 6:7 Hayyichi waan namichi hujee yakkaa itti te'e san maraaf, fuula kiyya duratti gumaa godhee kennuu ti; namichille araara hin dhaggata» jedhe.
LEV 6:8 Mootiin Waan Maraa Muuse'een
LEV 6:9 «Aaronii fi ilmaan isaa ajaja kana ajaji: ‹Kun seerata kennansa gubamuu ti: kennansi gubamu halkan guutuu haga bari'iititti addee ciinca'aa irra turuu ti; ibiddille addee ciinca'aa irratti itti bobe'aa buluu ti.
LEV 6:10 Hayyichi lukee nafa isaatitti aantu ta quncee talba'aa irraa hujante hidhatee, woyaa ifii ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee, daadhaa kennansa addee ciinca'aatitti gubamuu san irraa fuudhee, addee ciinca'aatiin cina'atti gad naquu ti.
LEV 6:11 Achiin duuba woyaa ifii san jijjiiratee daadhaa san addee quttumaatiin ala addee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu teetetti geessuu ti.
LEV 6:12 Ibiddi addee ciinca'aa irraa ittuma bobe'uutii malee ijjumaa hin dhaamin. Hayyichi ganama ganama qoraan itti dabaluu ti; kennansa gubamulle ibidda san irratti tarree galchee, moora kennansa tokkumma'aa san irratti gubuu ti.
LEV 6:13 Ibiddi yennaa mara addee ciinca'aa irratti bobe'uutii malee ijjumaa hin dhaamin.
LEV 6:14 « ‹Seerri kennansa midhaanii asii gad jira: Sanyii ilmaan Aaronii keessaa hayyichi tokko addee ciinca'aatiin duratti, kennansa midhaanii ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
LEV 6:15 Hayyichi bullaa dansaa zayitiin ejersaa itti dhangalaafame san ooboo tokko guutuu, hixaana kennansa midhaanii irra jiru san mara woliin fuudhee, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee, yaadannoo akka te'u, addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
LEV 6:16 Ka hafe Aaronii fi ilmaan isaa uukoo malee, badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aatitti addee woyyittii keessatti nyaatanuu ti.
LEV 6:17 Uukoo malee bilcheeffantuu ti. Ani kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii akka teetuuf kenneera. Isiin akkuma kennansa araara cubbu'uutii fi yakka'aatiif dhikaatuu guddoo woyyitti'i.
LEV 6:18 Sanyii Aaronii keessaa dhiirti martinuu kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hin nyaatan; kun dhalootaa haga dhalootaatitti qooda isaanii hin te'a. Nami kennansa san tuqe marti woyyuu hin te'a› jedhi» jedhe.
LEV 6:19 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
LEV 6:20 «Aaronii fi ilmaan isaa keessaa guyyaa hayyichi guddaan muudamu, kennansi ana Mootii Waan Maraatiif fidanu: bullaa dansaa kennansa yennaa mara dhikaatuuf, kiiloo giraamii lama keessaa gamisa barii, gamisa galgala dhikeessanuu ti.
LEV 6:21 Bullaa zayitii ejersaatiin sukkuumantee akka dansaa wolitti makantee, eelee sibiilaatitti bilcheeffantee, caccaffantee akka kennansa midhaaniititti, ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu naaf dhikeessanuu ti.
LEV 6:22 Ilmaan Aaronii keessaa hayyichi isa bakka bu'iisaaf muudamelle akkasuma tolchuu ti. Kun ana Mootii Waan Maraatiif seera bara baraa ti. Qooda kiyya waan te'eef duudumaa gubamuu qaba.
LEV 6:23 Kennansi midhaanii ka hayyichi dhikeessu martinuu gubamuu ti malee hin nyaatamin» jedhe.
LEV 6:24 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 6:25 «Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Kun seera kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu ti: horiin araara cubbu'uutiif kennamu irraa caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, addee kennansi gubamu itti qalamutti, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti qalamuu ti.
LEV 6:26 Hayyichi kennansa araara cubbu'uu ciincessu addee woyyittii keessatti badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti foon san nyaatuu ti.
LEV 6:27 Wonni foon san tuqe marti woyyuu te'a; dhiigi horii sanii woya'atti yoo faca'e, addeen inni itti faca'e sun addee woyyitti'itti dhiqantuu ti.
LEV 6:28 Okkoteen foon sun itti iffeelame caccabuu qaddi; okkotee sageettuu irraa hujante yoo teete ammoo rigantee bisaaniin dhiqantuu ti.
LEV 6:29 Horiin qalame sun irra caalaa woyyuu ka te'e keessaa tokko waan te'eef, maatii hayyootaa keessaa dhiirti martinuu foon san nyaatanuu ti.
LEV 6:30 Horii araara cubbu'uutiif dhikaatee, dhiigi isaa gumaa cubbu'uutiif Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee irra caalaa woyyittii teete yoo seene, foon horii sanii gubamuutii malee hin nyaatamin.
LEV 7:1 « ‹Seerri irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko ka te'e, ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu asii gad jira:
LEV 7:2 Adduma kennansi gubamu itti qalamutti kennansi sababa yakka'aatiif dhikaatulle qalamuu ti; dhiigi isaalle cinaa addee ciinca'aa maratti fiffixamuu ti.
LEV 7:3 Coomi duma isaatii fi moorri meya gadha'aa gollu,
LEV 7:4 kalattiin lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin kennansaaf dhikaatanuu ti.
LEV 7:5 Kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatanu waan te'aneef, hayyichi akka kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
LEV 7:6 Maatii hayyichaa keessaa dhiirti martinuu nyaattuu ti; kennansi kun ka irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatamuu ti.
LEV 7:7 « ‹Kennansi araara cubbu'uutiif dhikaatu akkuma kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu waan te'eef, seerri isaanii tokkuma; foon kennansaaf dhikaate sun hayyicha gumaa tolchuuf te'uu ti.
LEV 7:8 Hayyichi horii nami kennansa gubamuuf fide san gubu, gogaa horii kennansa gubamuuf dhikaatee san ifiif fudhatuu ti.
LEV 7:9 Kennansi midhaanii ka barbada ibiddaa irratti woddame yookiin ka okkote'etti iffeelame yookiin ka eelee sibiilaatitti akowame sun hayyicha kennansa dhikeesse saniif kennamuu ti.
LEV 7:10 Kennansi midhaanii ka zayiti'iin sukkuumame yookiin ka zayitii hin qanne marti ilmaan Aaronii maraaf wol qixa qoodamuu ti.
LEV 7:11 « ‹Seerri kennansa tokkumma'aa ka Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu ka asii gad jiru:
LEV 7:12 Nami tokko kennansa galataa yoo dhikeesse, kennansa galataa san woliin bixee bullaa dansaa uukoo hin qanne ta zayiti'iin sukkuumante, bixee hephellittii uukoo hin qanne ta zayitiin irra dibamee fi zayiti'iin sukkuumante dhikeessuu ti.
LEV 7:13 Kennansa galataa ka tokkumma'aa kana woliin daabboo uukoo qaddu kennansa dhikeessuu qaba.
LEV 7:14 Gosa daabboo kennansaaf dhikaatte tokko tokkooyyuu irraa tokko tokko fuudhee ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee, kennansa dhikeessee, hayyicha dhiiga kennansa tokkumma'aaf dhikaatu fiffixu saniif kennuu ti.
LEV 7:15 Foon kennansa galataa ka tokkumma'aa sun guyyuma kennansaaf dhikaate san nyaatamuutii malee, ijjumaa hin bulin.
LEV 7:16 « ‹Kennansi sun kennansa woreegaa yookiin kennansa fedhi'iin kennamu yoo te'elle, guyyuma dhikaate san nyaatamuu ti; wonni irraa hafe ammoo guyyaa itti aanu nyaatamuu ti.
LEV 7:17 Foon kennansaaf dhikaate san irraa hafee haga guyyaa sadii ture ibiddaan gubamuu qaba.
LEV 7:18 Foon kennansa tokkumma'aa sun guyyaa sadeesso'oo yoo nyaatame, kennansi namichaa fudhatama hin qabu; hin laakkowamuufille'e; battii waan te'eef, nami isa nyaate itti hin gaafatama.
LEV 7:19 « ‹Foon aadaa dhugeeffanna'aatiin waan battii te'e tuqe marti gubamuutii malee hin nyaatamin. Foon qulqulluu te'e ammoo nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu ti.
LEV 7:20 Nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'in foon kennansa tokkumma'aa ka ana Mootii Waan Maraa dhikaate irraa yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
LEV 7:21 Eennulle nama batticha yookiin horii batticha yookiin waan battii te'e mara tuqee, foon kennansa tokkumma'aa ka ana Mootii Waan Maraa dhikaate san yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe.
LEV 7:22 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 7:23 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Moora loonii, moora re'e'ee yookiin moora hoole'ee hin nyaatina'a!
LEV 7:24 Moora horii ifiin du'ee yookiin ka bineensi ijjeesee hujii dhibi'iif itti fayyadama'a malee hin nyaatina'a.
LEV 7:25 Nami moora horii kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamee dhikaatuu san nyaatu, kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
LEV 7:26 Addee leetanu maratti dhiiga maraayyuu ka sinbirre'ee yookiin ka bineensaalle yoo te'e hin nyaatina'a.
LEV 7:27 Eennulle dhiiga yoo nyaate, kolbaa ifii keessaa bawuu ti› jedhi» jedhe.
LEV 7:28 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
LEV 7:29 «Kolbaa Israa'elootaatiin, ‹Nami kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessu, kennansuma san irraa fuudhee kennansa naaf dhikeessuu ti.
LEV 7:30 Inni kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu harkuma ifiitiin dhikeessuu ti; moora cormii woliin fiduu ti; kennansa tachoofamuuf ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
LEV 7:31 Hayyichi moora san addee ciinca'aa irratti gubuu ti; cormiin ammoo Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti.
LEV 7:32 Kennansa tokkumma'aaf dhikaate luka gara middaa hayyichaaf kenna'a.
LEV 7:33 Ilmaan Aaronii keessaa dhiiga fi moora kennansa tokkumma'aa san ciinca'aaf ka dhikeesse, luka gara middaa ifiif fudhatuu ti.
LEV 7:34 Ani kennansa Israa'elootaa ka tokkumma'aa irraa, cormii tachoofantee fi luka ol fuudhante fuudhee, yennaa mara qooda isaanii akka te'u, Aaronii hayyichaa fi ilmaan isaatiif kenneera. Kun seera yennaa maraa ti.
LEV 7:35 Aaronii fi ilmaan isaa guyyaa hayyuu te'anee ana Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf muudamane, kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaate irraa qoodi isaaniif kenname kana.
LEV 7:36 Guyyaa isaan muudamane, Israa'elooti dhalootaa haga dhalootaatitti yennaa mara qooda isaanii akka te'u godhanee akka kennanu ani Mootiin Waan Maraa ajajeera› jedhiin» jedhe.
LEV 7:37 Seerri kennansa gubamuu, seerri kennansa midhaanii, seerri kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu, seerri kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu, seerri kennansa muudama hayyootaatiif dhikaatuu fi seerri kennansa tokkumma'aa kana.
LEV 7:38 Kun goomolee Siina'aa keessatti, Israa'elooti kennansa ifii akka Mootii Waan Maraatiif kennanu guyyaa ajaje, gaara Siina'aa irratti seera Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kenne.
LEV 8:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 8:2 «Aaronii fi ilmaa isaa woliin woyaa hayyumma'aa ta isaanii, zayitii muudaa, dardara araara cubbu'uutiif kennamu, buruusota korbeeyyii hoole'ee lamaa fi kollonjoo daabboo uukoo hin qanne qaddu fidi.
LEV 8:3 Achiin duuba kolbaa Israa'elii duudii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti wolitti qabi!» jedhe.
LEV 8:4 Muuseelle akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje tolchee, kolbaan marti seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti wolitti qabamane.
LEV 8:5 Muuseelle isaaniin, «Akka isin tolchitanuuf wonni Mootiin Waan Maraa ajaje kana» jedhe.
LEV 8:6 Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan isaa gara duraa akka dhufanu godhee bisaaniin isaan dhiqe.
LEV 8:7 Aaronitti qoloo haga miilaa dheertuu itti uffisee, hiituu itti hidhee, qoloo gubba'aatii fi woyaa hayyumma'aa ta qomaa itti uffise. Inni woyaa hayyumma'aa ta qomaa san hiituu isi'ii ta worra ogummaa woyaa dhowiisa akka dansaa beekuun dhowanteen itti hidhe.
LEV 8:8 Inni kiisii qomaa itti hodhee, uriimii fi tumiim keessa keye.
LEV 8:9 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje marata mata'aa mataa isaatitti maree, marata san irratti gara fuula duraatiin kallacha worqii irraa hujame ka beessisa woyyumma'aa itti qassiise.
LEV 8:10 Achiin duuba Muuseen zayitii muudaa fuudhee, Dunkaanii Woldeenna'aatii fi waan isii keessa jiru mara muudee woyyoonse.
LEV 8:11 Inni zayitii muudaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee addee ciinca'aa irratti yennaa torba fiffixee, addee ciinca'aatii fi meya isi'ii mara, qorii itti dhiqatanu waan qoriin sun irra keyatantu woliinuu Mootii Waan Maraatiif woyyoonsiisaaf muude.
LEV 8:12 Aaron woyyoonsiisaaf zayitii muudaa san irraa diqqoo isi'ii mataa isaa irratti dhangalaasee isa muude.
LEV 8:13 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Muuseen ilmaan Aaronii gara duraa fidee, qoloo haga miilaa dheeratu itti uffisee, hiituu itti hidhee, marata mata'aa mataa isaaniititti mare.
LEV 8:14 Achiin duuba inni dardara araara cubbu'uutiif dhikaatu fidee, Aaronii fi ilmaan isaalle harka ifii mataa dardara sanii irra keyane.
LEV 8:15 Muuseen dardara san qalee, addee ciinca'aa qulqulleessiisaaf, dhiiga diqqaa isaa fuudhee, quba ifiitiin gaafota addee ciinca'aa san mara dibee, ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaase; akka kanaan inni gumaa cubbu'uu addee ciinca'aatiif dhikeessee addee ciinca'aa san woyyoonse.
LEV 8:16 Muuseen moora meya gadha'aa gollu mara, qaccee tiru'uutii fi kalattii lamaanuu moora isii irra jiru mara woliin fuudhee addee ciinca'aa irratti gube.
LEV 8:17 Muuseen akkuma Mootii Waan Maraa isa ajajetti waan dardara sanii ka hafe, gogaa isaa foon isaatii fi meya gadha'aa addee quttumaatiin alatti baasee gube.
LEV 8:18 Achiin duuba inni korbeessa hoole'ee kennansa gubamuuf dhikeessee, Aaronii fi ilmaan isaa harka ifii mataa korbeessa sanii irra keyane.
LEV 8:19 Achiin duuba Muuseen korbeessa san qalee, dhiiga isaa cinaa addee ciinca'aa san maratti dhangalaase.
LEV 8:20 Inni korbeessa san kukkutee, mataa isaa, foon kukkutamee fi moora isaa gube.
LEV 8:21 Meya gadha'aatii fi manyee isaa bisaaniin dhiqee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, foon korbeessaa maraayyuu, kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka foolee dansaa qabu godhee, addee ciinca'aa irratti gube.
LEV 8:22 Achiin duuba Muuseen korbeessa lammeesso'oo ka seera muudama hayyootaatiif dhikaatu fidee, Aaronii fi ilmaa isaa mataa isaa irra harka ifii keyane.
LEV 8:23 Muuseen korbeessa san qalee, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra Aaronii ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa isse.
LEV 8:24 Achiin duuba inni ilmaan Aaronii gara duraa fidee, dhiiga san irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra isaanii ka gara middaa, quba isaanii abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaanii abguddicha ka miila middichaa isse. Dhiiga hafe cinaa addee ciinca'aa maratti dhangalaase.
LEV 8:25 Cooma isaa: cooma dumaa, moora meya gadha'aa mara, qaccee tiru'uu, kalattii lamaanuu moora isii irra jiru woliin, luka gara middalle fuudhe.
LEV 8:26 Achiin duuba daabboo uukoo hin qanne, ta kollonjoo fuula Mootii Waan Maraa dura jirtu irraa bixee tokko, bixee daabboo zayiti'iin sukkuumantee tokkoo fi bixee hephellittii fuudhee moora sanii fi luka gara middaa san irra keye;
LEV 8:27 Inni kana maraa harka Aaroniitii fi harka ilmaan isaa irra keye. Isaanille kennansa tachoofamu Mootii Waan Maraatiif dhikeessane.
LEV 8:28 Achiin duuba Muuseen kennansa san harka isaanii irraa fuudhee akka ciincaa muudama hayyootaatiif dhikaatuu, ka foolee dansaa qabuu godhee addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu irratti gube.
LEV 8:29 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti cormii korbeessa hoole'ee ta ciincaa muudama hayyootaatiif dhikaatu ta qooda ifii fuudhee, kennansa tachoofamu Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.
LEV 8:30 Achiin duuba Muuseen zayitii muudaatii fi dhiiga diqqaa isaa addee ciinca'aa irraa fuudhee, Aaronii fi woyaa isaatitti, ilmaan isaatii fi woyaa ilmaan isaatitti fiffixee, Aaronii fi woyaa isaa, ilmaan isaatii fi woyaa isaanii woyyoonse.
LEV 8:31 Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan isaatiin, «Foon san seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti iffeela'aatii, akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti, daabboo kollonjoo kennansa muudama hayyootaatiif dhikaatte keessa jirtu woliin, achumatti nyaadha'a.
LEV 8:32 Foonii fi daabboo hatte ibiddaan guba'a.
LEV 8:33 Seerri muudama hayyummaa teessanii guyyaa torba waan fudhatuuf, haga guyyaan muudama hayyummaa teessanii muummowutti, haga guyyaa torbaa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura tura'a.
LEV 8:34 Waan adha hujame kana cubbuu teessaniif gumaa tolchiisaaf Mootii Waan Maraatitti ajaje.
LEV 8:35 Akkuma Mootiin Waan Maraa na ajajetti, haga guyyaa torbaa halkanii fi guyyaa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura tura'a. Akka hin duuneef waan Mootiin Waan Maraa isin irraa barbaadu huja'a» jedhe.
LEV 8:36 Maarre Aaronii fi ilmaan isaa waan Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje mara godhane.
LEV 9:1 Muuseen guyyaa saddeetesso'oo Aaronii fi ilmaan isaa, jaarsolee Israa'elootaalle waame.
LEV 9:2 Inni Aaroniin, «Kennansa araara cubbuu teetiitiif dhikaatu dardara tokko, kennansa gubamuuf korbeessa hoole'ee tokko, lamaanuu ka fafa hin qanne fuudhiitii fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessi.
LEV 9:3 Achiin duuba Israa'elootaan, ‹Kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu korbeessa re'e'ee tokko, kennansa gubamuufille jibicha woggaa tokkootii fi korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo lamaanuu ka fafa hin qanne fuudha'a!
LEV 9:4 Adha Mootiin Waan Maraa waan isinitti mudhatuuf, Kennansa tokkumma'aatiif kormaa fi korbeessa hoole'ee, kennansa midhaanii ka zayiti'iin sukkuumame woliin ciincessiisaaf Mootii Waan Maraa dura dhikeessa'a› jedhiin» jedhe.
LEV 9:5 Isaan waan Muuseen ajaje mara Dunkaanii Woldeenna'aa dura fidane; wolde'i duudiin dhufanee fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbatane.
LEV 9:6 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Ulfinni Mootii Waan Maraa akka isinitti mudhatuuf, tun waan Mootiin Waan Maraa isin ajaje» jedhe.
LEV 9:7 Muuseen ammalle Aaroniin, «Addee ciinca'aa dhaqiitii, kennansa keeti ka araaraa cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa keeti ka gubamu ciincessiitii, kolba'aa fi ifiifille gumaa cubbu'uu kenni. Akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti marroo kolba'aatiif kennansa dhikeessiitii gumaa cubbuu isaanii kenni» jedhe.
LEV 9:8 Maarre Aaron gara addee ciinca'aa dhaqee, jibicha araaraa cubbuu isaatiif dhikaate san qale.
LEV 9:9 Ilmaan isaa dhiiga jibichaa san isatti fiddee, inni quba ifii dhiiga san keessa cuuphee gaafota addee ciinca'aa san dibe; ka hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaase.
LEV 9:10 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu irraa moora, kalattii lamaanuu, qaccee tiru'uu addee ciinca'aa irratti gube.
LEV 9:11 Inni foonii fi gogaa addee quttumaatiin alatti ibiddaan gube.
LEV 9:12 Achiin duuba inni kennansa gubamu san qale. Ilmaan isaa dhiiga jibichaa isatti fidanee, inni cinaa addee ciinca'aa maratti dhangalaase.
LEV 9:13 Ilmaan isaa kennansa gubamiisaaf qalame san kukkuttee mataa woliin isatti fidde. Innille addee ciinca'aa irratti gube.
LEV 9:14 Achiin duuba inni meya gadha'aatii fi manyee dhiqee kennansa gubamu woliin addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu irratti gube.
LEV 9:15 Achiin duuba Aaron kennansa marroo kolba'aa dhikeesse. Korbeessa re'e'ee ka araara cubbuu kolba'aatiif dhikaate san fuudhee qalee, akkuma qara araara cubbuu ifiitiif dhikeesse san araara cubbu'uutiif dhikeesse.
LEV 9:16 Inni horii kennansa gubamuuf dhikaate san fidee akkuma seeraatitti ciincaa dhikeesse.
LEV 9:17 Inni kennansa midhaaniille fidee, ooboo tokko irraa fuudhee, ciincaa ganama ganama dhikaatutti ede'ee addee ciinca'aa irratti gube.
LEV 9:18 Aaron kormaa fi korbeessa hoole'ee ka marroo kolba'aa kennansa tokkumma'aatiif dhikaate san qale. Ilmaan isaa dhiiga horii sanii isatti fidanee, inni cinaa addee ciinca'aa mara irratti dhangalaase.
LEV 9:19 Ilmaan Aaronii moora kormaatii fi moora korbeessa hoole'ee, duma isaa, moora meya gadha'aa, kalattii lamaanuu, qaccee tiru'uulle fuudhanee,
LEV 9:20 cormii kormaatii fi korbeessaa san irra keyane; Aaronille moora san mara addee ciinca'aa irratti gube.
LEV 9:21 Akkuma Muuseen ajajetti cormi'ii fi luka gara middaa, kennansa tachoofamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeesse.
LEV 9:22 Achiin duuba Aaron harka ifii gara kolba'aa diriirsee isaan eebbise; ciincaa araara cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba gad bu'e.
LEV 9:23 Muuse'ee fi Aaron gara dunkaanii woldeenna'aa seenane; isaan yennaa gad bayane kolbaa eebbisane; ulfinni Mootii Waan Maraalle kolbaa san maratti mudhate.
LEV 9:24 Ibiddi Mootii Waan Maraa biraa gad bu'ee kennansa gubamuu fi moora addee ciinca'aa irra jiru san mara nyaatee fixe; kolbaan marti waan kana dhagganee, gammadanee ilillisaa gad gombifamane.
LEV 10:1 Ilmaan Aaronii, Naadaabii fi Abiihuun girgiraa ifii fudhatanee, ibidda itti naqanee, hixaanalle itti naqane; ibidda inni hin ajajin Mootii Waan Maraa dura dhikeessane.
LEV 10:2 Maarre ibiddi Mootii Waan Maraa biraa dhufee, gubee isaan fixe; isaanille Mootii Waan Maraa duratti du'ane.
LEV 10:3 Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Kun waan Mootiin Waan Maraa qara yennaa dubbate, «‹Ani worra gara kiyya dhikaatu oddu'utti woyyummaa tiyya hin mudhisa; kolbaa mara duratti ulfinna hin dhaggadha› jedheera» jedhe. Aaron garuu womaa hin dubbanne.
LEV 10:4 Muuseen Miishaa'elii fi Elzaafaan ilmaan Uzii'elii abbaa diqqaa Aaronii waamee, «Kowa'aatii reeffa ilmaan obboleessa keessanii addee woyyittii tana irraa fageessa'aatii, addee quttumaatiin alatti baasa'a» jedhe.
LEV 10:5 Maarre isaanille dhufanee akkuma muuseen isaan ajajetti, akkuma isaan qoloo haga miilaa dheerattu uffatane saniin reeffa isaanii ba'atanee addee quttumaatiin alatti baasane.
LEV 10:6 Achiin duuba Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii Ele'azaarii fi Itaamaariin, «Isin akka hin duuneef, Mootiin Waan Maraa kolba'atti akka hin mufanne, gadditanee rifeensa mataa keessanii filatiisa hin dhabina'a! Woyaa teessanille hin tarsaafatina'a! Garuu obboleeyyan teessan ta Mootiin Waan Maraa ibiddaan fixe saniif firri keessan Israa'elooti marti bowuu hin dande'an.
LEV 10:7 Mootiin Waan Maraa zayitii muudaa ta ifiitiin waan isin muudeeruuf, akka hin duuneef seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duraa hin deemina'a» jedhe. Isaanille akkuma Muuseen isaan ajaje godhane.
LEV 10:8 Mootiin Waan Maraa Aaroniin,
LEV 10:9 «Akka hin duuneef atii fi ilmaan teeti Dunkaanii Woldeenna'aa yennaa seentanu daadhii woyni'ii yookiin untoo nama macheessitu hin unina'a. Kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti.
LEV 10:10 Isin waan woyyuu te'ee fi waan woyyuu hin te'in, waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'inii fi waan qulqulluu te'e gargar baasa'aa beeka'a.
LEV 10:11 Seerata ani Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne mara kolbaa Israa'elii barsiisa'a!» jedhe.
LEV 10:12 Muuseen Aaronii fi ilmaan Aaronii worra hafe Ele'azaarii fi Itaamaaniin, «Kennansi midhaanii ka kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu irraa hafe sun kennansa irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, fuudha'aatii, uukoo malee bukeessa'aatii, addee ciinca'aa biratti nyaadha'a.
LEV 10:13 Kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa kun qooda keetii fi qooda ilmaan teetii waan te'eef, addee woyyitti'itti isa nyaadha'a! Ani tana ajajameera.
LEV 10:14 Atii fi ilmaan teeti, durri teetille cormii tachoofantee fi luka ol fuudhante san nyaadha'a. Kun kennansa tokkumma'aa ka Israa'elooti dhikeessitu keessaa qooda keetii fi ijoollee teetii waan te'eef, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu teetetti nyaadha'a.
LEV 10:15 Luki ol fuudhantee fi cormiin kennansa tachoofamuuf dhikaatte sun, moora kennansa ibiddaan gubamuuf dhikaate, ka kennansa tachoofamuuf Mootii Waan Maraatiif akka dhikaatu kenname woliin dhikaatuu ti. Kun akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti haga bara baraa qooda keetii fi qooda ijoollee teetii hin te'a» jedhe.
LEV 10:16 Muuseen korbeessa re'e'ee ka kennansa araara cubbu'uutiif dhikaate san yennaa jabeessee iyyaafate, akka inni gubameeru beekee, ilmaan Aaronii worra hafe, Ele'azaarii fi Itaamaaritti aaree,
LEV 10:17 «Kennansi araara cubbu'uutiif dhikaate sun kennansa irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, isin maaf addee woyyitti'itti nyaatuu dhaddane? Mootiin Waan Maraa akka isin fuula isaa duratti gumaa kennitanee kolbaa irraa yakkaa akka balleessitanu isiniif kenneeyyu.
LEV 10:18 Dhiigi korbeessaa sun gara addee woyyitti'ii waan seenuu dhabeef, akkuma ani isin ajajetti silaa isin korbeessa san addee woyyitti'itti nyaatuu qaddaniiyyu» jedhe.
LEV 10:19 Aaronille deebisee Muuse'een, «Kunoo, isaan adha kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa gubamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessaneeran; wonni akkasii kun analle dhaqqaddeerti; ani adha kennansa araara cubbu'uutiif dhikaate kana adoo nyaadhee jiraadhee silaa Mootiin Waan Maraa natti hin gammadaa ree?» jedhe.
LEV 10:20 Muuseelle dubbii tana yennaa dhage'e gammade.
LEV 11:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
LEV 11:2 «Israa'elootaan, ‹Bineensota maraa fi horii mara keessaa ka isin nyaatuu dandeettanu:
LEV 11:3 ka kotteen isaa baqaqa qadduu fi ka alalfatu mara nyaatuu hin dandeettan.
LEV 11:4 « ‹Bineensota alalfatu ka kotteen isaa baqaqa hin qanne yookiin ka kotteen isaa baqaqa qabaattee hin alalfanne hin nyaatina'a. Gaalli hin alalfata, garuu kotteen isaa baqaqa waan hin qanneef, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti battii isiniif te'uu ti.
LEV 11:5 Osoleen hin alalfatti, garuu kotteen isi'ii baqaqa waan hin qanneef, battii isiniif teetuu ti.
LEV 11:6 Hilleensi hin alalfata, garuu kotteen isaa baqaqa waan hin qanneef, battii isiniif te'uu ti.
LEV 11:7 Booyyee kotteen isi'ii baqaqa qaddi, garuu waan hin alalfanneef, battii isiniif teetuu ti.
LEV 11:8 Isaan kun isiniif battii waan te'aneef, foon isaanii hin nyaatina'a; reeffa isaaniille hin tuqina'a.
LEV 11:9 « ‹Bineensota abbaayaa keessatti yookiin laga keessatti dadamane keessaa, ka koolaa fi solloqqee qabanu nyaadhu.
LEV 11:10 Bineensota abbaayaa keessatti yookiin laga keessatti dadamanee munyuuqanu mara keessaa, ka koola hin qanne yookiin ka solloqqee hin qanne ammoo hin nyaatina'a.
LEV 11:11 Isaan isiniif battii waan te'aneef, foon isaanii hin nyaatina'a; reeffa isaanille hin tuqina'a.
LEV 11:12 Waan bisaan keessa le'u keessaa wonni koolaa fi solloqqee hin qanne marti isiniif battii te'uu ti.
LEV 11:13 « ‹Gosa sinbirre'ee keessaa ta isiniif battii teetee fi ta isin ijjumaa hin nyaanne: risaa, allaattii, rumicha,
LEV 11:14 culullee, jajjuu,
LEV 11:15 harraaqqessa gosa adda addaa,
LEV 11:16 guchii, baabboo, haanqaa, jajjuu gosa adda addaa,
LEV 11:17 urunguu, huummoo, qillisaa,
LEV 11:18 urunguu adii, urunguu goomole'ee, allaattii gosa adda addaa,
LEV 11:19 qongaa, dhaatii, looyyituu, cirricho'o.
LEV 11:20 « ‹Dadi didiqqoon koolaan ka'anu ka luka afuriin deemanu marti isiniif battii te'anuu ti.
LEV 11:21 Te'uu malee dadi koola qabaatanee, luka afuriin deemanu keessaa ka ittiin utaaliisaaf luka qondhooffatu qabanu mara hin nyaattan.
LEV 11:22 Kana keessaa, ka akka korophiisa gosa adda addaa, farda waaqaa gosa adda addaa, awwaannisa gosa adda addaa hin nyaattan.
LEV 11:23 Ka dhibiin ammoo dadi didiqqoon ka koola qabaatanee luka afuriin ideemanu marti isiniif battii te'anuu ti.
LEV 11:24 « ‹Isaan kun isin batteessan; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 11:25 Nami reeffa isaanii lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; inni haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 11:26 « ‹Bineensii fi horiin kotteen isaanii baqaqa qabaattee addee lamatti hin qoodaminii fi ka hin alalfanne isiniif battii te'anuu ti; nami reeffa isaanii tuqe marti battii hin te'a.
LEV 11:27 Dada luka afuriin ideemanu keessaa ka barru'uun ideemanu marti isiniif battii te'anuu ti; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgala battii hin te'a.
LEV 11:28 Isaan isiniif battii waan te'aneef, nami reeffa isaanii lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; inni haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 11:29 « ‹Bineensota lafa irra munyuuqanu keessaa worri battii te'e: tuqaa, hantuuta, qarcoo gosa adda addaa,
LEV 11:30 bulee goggogaa, naacha, qocaa, wokkallaa, gaararraa,
LEV 11:31 bineensota lafa irra munyuuqanu mara keessaa isaan kun isiniif batti'i; nami reeffa isaanii tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 11:32 Bineensoti akkasii du'ee meya muka irraa, woyaa irraa, gogaa irraa yookiin keeshaa irraa hujame irra yoo bu'e, mey sun marti battii hin te'a; bisaan keessa keya'a; te'uu malee haga galgalaatitti battii hin te'an; achiin duuba qulqulluu hin te'an.
LEV 11:33 Reeffi isaanii meya faara irraa hujame keessa yoo bu'e, wonni keessa jiru marti battii waan teetuuf meya san cassa'a.
LEV 11:34 Bisaan meya san keessaa Sagalee nyaatanu maratti yoo cophe, sagaleen sun battii hin teeti; wonni meya san keessaa unanu marti battii hin te'a.
LEV 11:35 Wonni reeffi isaanii irra bu'e marti battii hin te'a; eeleen yookiin okkoteen sun cacadduu ti. Isaan martinuu batti'i; akka batti'iititti isaan ilaala'a.
LEV 11:36 Wonni dhibiin ta reeffa bineensotaa fi horii kanaa tuqe marti battii te'anulle, maddi yookiin boolli bisaanii hin battoottu.
LEV 11:37 Reeffi isaanii midhaan sanyi'ii irra yoo bu'e, sanyiin sun hin battoottu.
LEV 11:38 Ammoo midhaan sanyi'iititti bisaan copheeruun reeffi bineensotaa fi horii sanii yoo irra bu'e, sanyiin sun isiniif battii hin teeti.
LEV 11:39 « ‹Bineensaa fi horiin akka isin nyaattanu eeyyamame keessaa tokko yoo du'e, nami reeffa isaa tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 11:40 Nami foon bineensaa fi horii du'ee san nyaate woyaa ifii dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a. Nami reeffa san lafaa fuudhe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 11:41 « ‹Dadi gadha'aan lafa irra sinqiiqqataa deemanu marti batti'i; isaan hin nyaatina'a.
LEV 11:42 Dadi gadha'aan lafa irra sinqiiqqatanu, ka gadha'aan lafa irra lowanu, ka miila afuriin sinqiiqqataa deemanu yookiin ka miila bacaa qabanu marti isiniif battii waan te'aneef hin nyaatina'a.
LEV 11:43 Bineensota akkanaa kana nyaattanee ifi hin batteessina'a; karaa isaaniitiin battii ifi hin godhina'a yookiin isaaniin hin battowina'a.
LEV 11:44 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani woyyuu waan te'eef, isinille ifi adda baasa'aatii, woyyuu te'a'a. Dada gadha'aan lafa irra sinqiiqqatanu kanaan ifi hin batteessina'a.
LEV 11:45 Ani Waaqa keessan te'iisaaf, Mootii Waan Maraa ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; tanaaf, ani woyyuu waan te'eef, isinille woyyuu te'a'a.
LEV 11:46 « ‹Seerri marroo bineensotaa, marroo sinbirrootaa, marroo bineensota bisaan keessaatii fi marroo bineensota lafa irra munyuuqanu maraaf kenname kana.
LEV 11:47 Isin waan battii te'ee fi waan qulqulluu te'e, dada lafa irraa ta lubbuu qaddu keessaa ka nyaatamanuu fi ka hin nyaatanne gargar baasa'aatii beeka'a› jedha'a» jedhe.
LEV 12:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 12:2 «Israa'elootaan, ‹Dubartiin ulfoottee ilma yennaa deettu, akkuma xuriin isi'ii ji'uma ji'aan yennaa dhutte battoottu, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti guyyaa torbaaf battii hin teeti.
LEV 12:3 Guyyaa saddeeteso'ootitti mucaan haqanqabaa qabatuu ti.
LEV 12:4 Achiin duuba dubartittiin haga xurii ifii irraa qulqulloontutti, guyyaa soddomii sad eegattuu ti. Haga guyyaan qulqulloomiisa isi'ii muummowutti waan woyyuu te'e hin tuqin yookiin gara addee woyyitti'ii hin dhaqin.
LEV 12:5 Yoo durra deette akkuma yennaa xurii isi'ii haga torbaan lamaa battii hin teeti. Achiin duuba isiin xurii ifii irraa qulqulloomiisaaf, guyyaa jaatamii jaa eegattuu ti.
LEV 12:6 « ‹Dubartittiin ilma yookiin intala deettee yennaan qulqulloomiisa isi'ii yennaa muummotte, isiin kennansa gubamuuf buruusoo hoole'ee ka woggaa tokkoo, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu maddoo yookiin saphaliisa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fidduu ti.
LEV 12:7 Innille cubbuu isi'iitiif gumaa tolchiisaaf fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. Isiille akka aadaa dhugeeffanna'aatitti dhiiga isii irraa dhangala'u irraa hin qulqulloonti. Seerri yennaa dubartiin ilma yookiin intala deettee kana.
LEV 12:8 « ‹Isiin buruusoo hoole'ee dhikeessuu yoo hin dandeenne, saphaliisa lama yookiin maddoo lama takkattii kennansa gubamuuf, takkattii araara cubbu'uutiif dhikeessituu ti; akka kanaan hayyichi cubbuu isi'iitiif gumaa tolchee, isiin hin qulqulloonti› jedhiin» jedhe.
LEV 13:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
LEV 13:2 «Nama gogaa nafa ifii irratti iita yookiin robbii yookiin baarilee qabaatee, gara dhukkuba goga'aa farrisiisa'aatitti yoo jijjiiramu te'e, gara Aaronii yookiin ilmaan isaa keessaa gara nama hayyuu te'ee fidanuu ti.
LEV 13:3 Hayyichi madaa gogaa namichaa san qorqoruu ti; rifeensi madaa san keessa jiru adii te'ee yoo jiraate, addeen mada'aa sun gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo jiraate, kun dhukkuba goga'aa farrisiisa'a. Hayyichi qorqoree hubateen duuba akka aadaa dhugeeffanna'aatitti akka inni battii te'eeru beessisuu ti.
LEV 13:4 Baarileen gogaa namichaa irraa sun gara keessaa boollottee yoo hin jiraanne, rifeensi isii keessaalle adii te'ee yoo hin jiraanne, hayyichi nama dhibamaa san haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti.
LEV 13:5 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi isa qorqoree, madaan sun akkuma duraa teetee gogaa isaa keessa babadhataa yoo hin jiraanne, hayyichi ammalle haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti.
LEV 13:6 Hayyichi ammalle guyyaa torbeesso'ootitti isa qorqoruu ti; madaan sun qoortee gogaa keessa babadhatiisa lakkittee qoortee yoo jiraatte, dhukkubi sun robbii waan te'eef, hayyichi qulqullummaa isaa beessisuu ti. Namichille woyaa ifii dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a.
LEV 13:7 Hayyichi isa qorqoree qulqulluu akka inni te'e beessiseen duuba robbiin sun gogaa isaa keessaa babadhataa yoo deente, inni ammalle hayyicha dura dhikaatuu ti.
LEV 13:8 Hayyichi isa qorqoree robbiin sun gogaa isaa keessa babadhataa deemee yoo jiraate, dhukkubi sun dhukkuba goga'aa farrisiisa'a; hayyichi namichi sun battii akka te'e beessisuu ti.
LEV 13:9 «Nami tokko dhukkuba goga'aa farrisiisaa yoo qabaate gara hayyichaa fidanuu ti.
LEV 13:10 Hayyichi isa qorqoruu ti; Gogaa isaa keessa iiti adiin rifeensa isaa adii gootee, iita san keessaa foon diimaan yoo ol baye,
LEV 13:11 dhukkuba goga'aa farrisiisaa hidda naqate waan te'eef namichi sun battii akka te'e hayyichi beessisuu ti. Inni battii waan te'eef hayyichi qofi isa hin baasin.
LEV 13:12 «Dhukkubi sun guddatee gogaa namichaa mara irratti bayee, hayyichi qorqoree yennaa ilaalu, mata'aa haga miila isaa yoo golle,
LEV 13:13 hayyichi ammalle isa qorqoree, dhukkubi sun nafa namichaa mara akka golle yoo dhagge, namichi qulqulluu akka te'e beessisuu ti. Gogaan isaa marti adii waan te'eef, inni qulqulluu hin te'a.
LEV 13:14 Madaan sun kulkultee foon diimaan yoo isa irratti mudhate ammoo inni battii hin te'a.
LEV 13:15 Hayyichi qorqoree foon diimaa yoo isa irratti dhagge, namichi battii akka te'e beessisuu ti. Foon diimaan sun battii waan te'eef, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisaa qaba.
LEV 13:16 Foon diimaan sun deebi'ee yoo addaate ammoo inni gara hayyichaa dhaquu qaba.
LEV 13:17 Hayyichille isa qorqoruu ti. Madaan sun deebitee yoo addaatte namichi sun qulqulluu akka te'e hayyichi beessisuu ti; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a.
LEV 13:18 «Nami tokko gogaa ifii irratti iita qabaatee, iiti sun yoo fayye,
LEV 13:19 addee iitaa san irratti, iiti adiin yookiin baarileen diimattee addaattu yoo mudhatte, inni gara hayyichaa dhaquu ti.
LEV 13:20 Hayyichille qorqoruu ti; iiti sun gogaa keessa dabartee boollottee, rifeensi isii keessaalle addaatee yoo jiraate, dhukkubi sun dhukkuba goga'aa farrisiisaa, iita irratti baye waan te'eef, namichi battii akka te'e hayyichi beessisuu ti.
LEV 13:21 Hayyichi yennaa qorqoree rifeensi adiin iita san keessa yoo hin jiraanne, iiti sun gogaa keessa dabartee adoo hin boollowin, qoortee yoo jiraatte, hayyichi haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti.
LEV 13:22 Robbiin sun gogaa keessa babadhatte yoo jiraatte, dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan te'eef, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti.
LEV 13:23 Robbiin sun adduma jirtutti hattee yoo hin babadhatin, gadaannisa iitaa qofa waan te'eef, hayyichi akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti.
LEV 13:24 «Nama tokko gogaan isaa yennaa gubate, addee gubate san irratti baarileen diimattee addaattu yookiin addiin yoo mudhatte,
LEV 13:25 Hayyichi baarilee san qorqoruu ti; rifeensi baarilee san keessa jiru adii te'ee yoo jiraate, addeen mada'aa sun gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo jiraate, kun dhukkuba goga'aa farrisiisaa addee gubatte san keessatti baye waan te'eef, hayyichi namichi battii akka te'e beessisuu ti.
LEV 13:26 Hayyichi baarilee san qorqoree, rifeensi adiin isii keessa yoo hin jiraanne, baarileen sun gogaa keessa dabartee adoo hin boollowin, qoortee yoo jiraatte, hayyichi haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti.
LEV 13:27 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle qorqoruu ti; baarileen sun gogaa keessa babadhattee yoo jiraate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan te'eef, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti.
LEV 13:28 Baarileen sun adduma jirtutti hattee gogaa keessa adoo hin babadhatin qoortee yoo jiraatte, gadaannisa iita addee gubatee qofa waan te'eef, hayyichi akka namichi qulqulluu te'e beessisuu ti.
LEV 13:29 «Namichi tokko yookiin dubartiin takka mataa irratti yookiin areeda irraa madaa yoo qabaatane,
LEV 13:30 hayyichi madaa san qorqoruu ti; madaan sun gogaa keessa dabartee, rifeensi isii keessaa hadhooticha te'ee qadhatee yoo jiraate, dhukkuba citto'oo yookiin dhukkuba goga'aa farrisiisaa mataa irratti yookiin areeda irratti baye waan te'eef, hayyichi nami sun battii akka te'e beessisuu ti.
LEV 13:31 Hayyichi madaa akkasii tana yennaa qorqore ammoo, madaan sun gogaa keessa adoo hin dabarin, rifeensi gurraachille keessa yoo hin jiraatin, hayyichi nama san haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti.
LEV 13:32 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle madaa san qorqoruu ti; madaan sun adoo hin babadhatin, rifeensi isii keessaa booka fakkaatee gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo hin jiraatin,
LEV 13:33 hayyichi addee mada'aa san qofa lakkisee rifeensa irraa haadatuu ti; hayyichi guyyaa torba itti dabalee ammalle qofi isa baasuu ti.
LEV 13:34 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle madaa san qorqoruu ti; madaa sun gogaa keessa dabartee babadhattee yoo hin jiraatin, hayyichi akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti. Namichille woyaa ifii dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a.
LEV 13:35 Inni qulqulluu akka te'e beessifameen duuba madaan sun gogaa keessa babadhataa yoo deente ammoo,
LEV 13:36 hayyichi isa qorqoruu ti; madaan sun gogaa keessa babadhattee yoo jiraatte, namichi battii waan te'eef, hayyichi rifeensa booka fakkaatu san ilaaluu hin barbaachisu.
LEV 13:37 Te'uu malee, akka ilaalcha hayyichaatitti madaan sun achumatti hattee, rifeensi guraachi keessatti latee yoo jiraate, madaan sun fayyiteerti. Namichi qulqullu'u; akka inni qulqulluu te'e hayyichi beessisuu ti.
LEV 13:38 «Namichi tokko yookiin dubartiin takka gogaa ifii irratti baarilee adii yoo qabaatane,
LEV 13:39 hayyichi isaan qorqoruu ti; madaan sun babadhattee shankallittii yoo teete, robbii gogaa irratti baate malee ta miituu moti; namichi sun qulqullu'u.
LEV 13:40 «Nami tokko rifeensa mataa ifii yoo dhabe, molu'utti isa nyaate; inni qulqullu'u.
LEV 13:41 Inni rifeensa ifii adda irraa yoo dhabe, molu'utti isa nyaate; inni qulqullu'u.
LEV 13:42 Inni moluu ifii irratti yookiin adda ifii irratti madaa diimattee addaattu yoo qabaate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa mataa isaa irratti yookiin adda isaa irratti baye.
LEV 13:43 Hayyichi isa qorqoruu ti; mataa isaa irratti yookiin adda isaa irratti madaan diimattee addaattu ta dhukkuba goga'aa farrisiisaa fakkaattu yoo mudhatte,
LEV 13:44 nami sun dhukkuba goga'aa farrisiisaa qaba; battiille'e. Inni mataa ifii irraa madaa waan qabuuf, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti.
LEV 13:45 «Nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu woyaa tarsaate uffatuu ti; mataa ifii hin filatin; woyaa afaanitti qabatee, ‹Ani batti'i! Ani batti'i!› jedhaa lallabuu ti.
LEV 13:46 Inni haga dhukkuba goga'aa farrisiisaa san qabu batti'i. Inni qofi le'uu ti; addee quttumaatiin ala le'uu ti.
LEV 13:47 «Woyaan rifeensa hoole'eetiin yookiin quncee talba'aatiin hujante takka, dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan yoo tuttuqante,
LEV 13:48 woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante yookiin ta rifeensa hoole'ee irraa hujante yookiin ta quncee talba'aa irraa hujante yookiin gogaan marti yookiin waan gogaa irraa hujamelle yoo te'e,
LEV 13:49 addeen tuttuqante sun magariisottee yookiin diimattee woyaa irratti yookiin waan gogaa irraa hujame irratti yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante irratti yookiin ta harkaan dhowante irratti yookiin meya gogaa irraa hujame mara irratti yoo mudhatte, dhukkuba goga'aa farrisiisaa babadhataa deemu waan te'eef hayyichatti mudhifamuu ti.
LEV 13:50 Hayyichi dhukkuba san qorqoree, woyaa dhukkubaan tuttuqante san guyyaa torbaaf qofi baasuu ti.
LEV 13:51 Guyyaa torbeesso'ootitti ammalle qorqoruu ti; dhukkubi sun woyaa irratti, woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante irratti, waan gogaa irraa hujame irratti yoo mudhate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa hama'a; mey sunille batti'i.
LEV 13:52 Hayyichi woyaa yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante, Woyaa rifeensa hoole'eetiin yookiin quncee talba'aatiin hujante yookiin meya gogaa irraa hujame mara ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan tuttuqame gubuu ti; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa hamaa waan te'eef, mey sun gubamuu ti.
LEV 13:53 «Hayyichi yennaa qorqoru, dhukkubi sun woyaa irratti yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante irratti yookiin ta harkaan dhowante irratti yookiin meya gogaa irraa hujame irratti babadhatee yoo hin jiraanne,
LEV 13:54 mey tuttuqame sun akka dhiqamu ajajuu ti. Achiin duuba meya san ammalle guyyaa torbaaf qofi baasuu ti.
LEV 13:55 Mey tuttuqame sun dhiqameen duuba hayyichi qorqoruu ti; dhukkubi sun bifa ifii yoo hin jijjiiratin, meya keessa babadhatuu dhabulle, mey sun batti'i; dhukkubi sun meya san gara keessaatiin yookiin gara duubaatiin tuttuqee jiraatulle ibiddaan gubuu ti.
LEV 13:56 Mey sun dhiqameen duuba ammoo hayyichi yennaa qorqoru, dhukkubi sun woyaa irraa qooree yoo jiraate, addee dhukkubi tuttuqe san woyaa irraa yookiin waan gogaa irraa hujame irraa yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante irraa tarsaasuu ti.
LEV 13:57 Dhukkubi sun ammalle woyaa irratti yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante irratti yookiin meya gogaa irraa hujame irratti deebi'ee yoo mudhatte, inni dhukkuba babadhataa deemu waan te'eef, mey dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu sun marti ibiddaan gubamuu ti.
LEV 13:58 Woyaan yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante yookiin mey gogaa irraa hujame marti dhiqamee irraa badeen duuba deebi'ee dhiqamuu ti; mey sun qulqulluu hin te'a» jedhe.
LEV 13:59 Kun seera uffanni rifeensa hoole'ee irraa hujame yookiin woyaan meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante yookiin mey gogaa irraa hujame martille ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan tuttuqame, dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa akka qulqulloome yookiin battii akka te'e ittiin beekkamu.
LEV 14:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 14:2 «Seerri nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti akka inni qulqulloomuuf gara hayyichaa yennaa fidanuu ka asii gad jiru:
LEV 14:3 Hayyichi addee quttumaatiin alatti bayee nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu san qorqoruu ti. Nami sun dhukkuba san irraa fayyee yoo jiraate,
LEV 14:4 hayyichi sinbirroota qulqulluu lama ta lubbu'uun jirtu, muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala muka hisoophii namicha qulqulleeffamu saniif akka fidanu ajajuu ti.
LEV 14:5 Achiin duuba hayyichi sinbirroota san keessaa takkattii, okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti akka qalantu ajajuu ti.
LEV 14:6 Achiin duuba sinbirree lubbu'uun jirtu san fuudhee muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala muka hisoophii woliin dhiiga sinbirree okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti qalante san keessa cuuphuu ti.
LEV 14:7 Dhiiga nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa qulqulleeffamu sanitti yennaa torba fiffixee akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti. Achii duuba Sinbirree lubbu'uun jirtu san diidatti gad lakkisuu ti.
LEV 14:8 «Nami qulqulloome sun woyaa ifii dhiqatuu ti; rifeensa ifii mara haadatee, nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; achiin duuba inni akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'a. Tanaan duuba addee quttumaatitti deebi'uu ti; te'uu malee haga guyyaa torbaa dunkaanii ifiititti adoo hin galin ala turuu ti.
LEV 14:9 Guyyaa torbeesso'ootitti ammalle rifeensa ifii mara haadatuu ti; rifeensa mata'aa, ka areeda, ka gaara ilaatii fi ka nafa ifii irraa mara haadatuu ti; woyaa ifii dhiqatee, nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a.
LEV 14:10 «Guyyaa saddeetesso'oo ammoo buruusoo korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi gorontii hoole'ee buruusoo takkattii ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne dhikeessuu ti; akkasuma kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama jaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumantee fi zayitii ejersaa buttullee tokko fiduu ti.
LEV 14:11 Hayyichi akka inni qulqulloome beessisu sun namicha qulqulloomuu fi kennansa inni kenne san woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa fuula Mootii Waan maraa dura dhikeessuu ti.
LEV 14:12 «Achiin duuba hayyichi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san keessaa tokko fuudhee, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu, kennansa tachoofamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
LEV 14:13 Inni buruusoo korbeessa hoole'ee san addee woyyittii kennansi araara cubbu'uutii fi kennansi gubamu qalamutti qaluu ti.
LEV 14:14 Hayyichi dhiiga buruusoo korbeessa hoole'ee ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu san irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dibuu ti.
LEV 14:15 Hayyichi zayitii ejersaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee barruu harka ifii bitaachaatitti dhangalaasuu ti;
LEV 14:16 Quba ifii ka harka middichaa zayitii barruu harka isaa bitaacha keessa jirtu keessa cuuphee yennaa torba Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti.
LEV 14:17 Zayitii ejersaa ta barruu harka isaa keessatti hatte san qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dhiiga kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatee san irratti dabalee dibuu ti.
LEV 14:18 Zayitii ejersaa ta barruu harka isaatitti hatte san hayyichi mataa namicha qulqulloomuu san dibee, Mootii Waan Maraa duratti gumaa isaaf godhuu ti.
LEV 14:19 «Achiin duuba hayyichi kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu san ciincessee, nama battummaa ifii irraa qulqulloomu saniif gumaa godhuu ti. Saniin duuba horii kennansa gubamuu san qalee,
LEV 14:20 addee ciinca'aa irratti kennansa midhaanii woliin dhikeessee, gumaa isaaf godhuu ti; innille qulqulluu hin te'a.
LEV 14:21 «Te'uu malee, nami sun hiyyeessa te'ee waan kana dhikeessuu yoo dadhabe, cubbuu ifiitiif gumaa godhiisaaf, kennansa tachoofamu ka sababa yakka'aatiif dhikaatu buruusoo korbeessa hoole'ee tokko fuudhee, kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloo lama, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin fiduu ti.
LEV 14:22 Akkasuma saphaliisa lama yookiin maddoo lama keessaa ka dande'u, takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, takkattii kennansa gubamuuf dhikeessuu ti.
LEV 14:23 «Isaan kana guyyaa saddeetesso'oo qulqulloomiisa ifiitiif seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti fuula kiyya duratti gara hayyichaa fiduu ti.
LEV 14:24 Hayyichi buruusoo korbeessa hoole'ee ka sababa yakka'aatiif dhikaatu san fuudhee, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
LEV 14:25 Inni buruusoo korbeessa hoole'ee ka sababa yakka'aatiif dhikaate san qalee, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dibuu ti.
LEV 14:26 Hayyichi zayitii ejersaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee barruu harka ifii bitaachaatitti dhangalaasuu ti.
LEV 14:27 Quba ifii ka harka middichaatiin barruu harka ifii keessaa zayitii ejersaa san diqqoo isi'ii yennaa torba ana Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti.
LEV 14:28 Zayitii ejersaa diqqoo ta barruu harka isaa keessa jirtu san irraa diqqoo isi'ii adduma dhiiga horii sababa yakka'aatiif dhikaate dibe san, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa itti dabalee dibuu ti.
LEV 14:29 Hayyichi zayitii ejersaa ta barruu harka isaatitti hatte, gumaa cubbu'uu isaaf tolchiisaaf, ana Mootii Waan Maraa duratti, mataa namicha qulqulloomu saniititti dibuu ti.
LEV 14:30 Achiin duuba inni saphaliisa yookiin maddoo namichi fiduu dande'e san ciincessuu ti.
LEV 14:31 Takkattii kennansa araara cubbu'uutiif taan ammoo kennansa gubamuuf, kennansa midhaanii woliin dhikeessuu ti. Akka kanaan hayyichi namicha qulqulloomu saniif fuula ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa hin tolcha» jedhe.
LEV 14:32 Kun Seera nama dhukkuba farrisiisa'aan qabamee, hiyyeessa waan te'eef, ittiin qulqulloomiisaaf, kennansa barbaachisaa te'e kennuu dadhabee ti.
LEV 14:33 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
LEV 14:34 «Lafa kana'aanii, ta ani qooda keessan godhee isiniif kennu sanitti yennaa galtanu, ani mana lafa sanii tokko keessatti dhukkuba goga'aa farrisiisaa yoo buuse,
LEV 14:35 abbaan mana sanii gara hayyichaa dhaqee, ‹Waan dhukkuba goga'aa farrisiisaa fakkaatu mana kiyya keessatti dhaggeera› jedhee hayyichatti himuu ti.
LEV 14:36 Hayyichi mana san dhaqee dhukkuba goga'aa farrisiisaa san adoo hin qorqoriniin dura, mey mana san keessa jiru marti akka hin battoonne, mana keessaa akka gad baasanu ajajuu ti; achiin duuba hayyichi mana san seenee qorqoruu ti.
LEV 14:37 Hayyichi dhukkuba goga'aa farrisiisaa san dhaaba manaa irra qorqoruu ti; wonni bifa magariisaa yookiin diintuun dhaaba mana dhaka'aa boollessitee yoo dhaggante,
LEV 14:38 Hayyichi mana keessaa bayee guyyaa torbaaf mana san cufuu ti.
LEV 14:39 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi deebi'ee mana san qorqoruu ti; dhukkubi sun dhaaba mana dhaka'aa irra faffaca'ee yoo jiraate,
LEV 14:40 hayyichi dhakaan dhukkubi goga'aa farrisiisaan irratti dhaggame sun hoqonqolamee bayee qacha'aan alatti addee batti'itti akka gatamu ajajuu ti.
LEV 14:41 Saniin duuba inni dhaaba mana dhaka'aa san mara gara keessaatiin irraa duguugee, waan irraa hoqooqame san qacha'aan alatti addee batti'itti akka gatamu godhuu ti.
LEV 14:42 Achiin duuba dhakaa dhibii fidanee addee dhakaa kaan baasanetti keyanee, faara haareyaan dhoobbanuu ti.
LEV 14:43 «Dhakaan keessaa bayee, dhaabi mana dhaka'aa sun hoqooqamee dhoobbameen duuba dhukkubi deebi'ee mana keessatti yoo mudhate,
LEV 14:44 hayyichi dhaqee qorqoruu ti; dhukkubi sun mana keessa faffaca'ee yoo jiraate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa hama'a; manni sunille batti'i.
LEV 14:45 Manni sun diigamee, dhakaan isaa, muki isaa, faarri isaa ka itti dhoobbame marti qacha'aan alatti addee batti'itti gatamanuu ti.
LEV 14:46 Manni sun cufameeruun nami tokko keessa yoo seene, nami sun haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 14:47 Nami mana san keessa rafe yookiin keessatti nyaate woyaa ifii dhiqatuu ti.
LEV 14:48 «Manni sun dhoobbameen duuba hayyichi dhufee yoo qorqoru ammoo, dhukkubi goga'aa farrisiisaan sun mana san keessa faffaca'ee yoo hin jiraatin, dhukkubi sun waan badeeruuf, manni sun qulqulluu akka te'e hayyichi beessisuu ti.
LEV 14:49 Mana san qulqulloonsiisaaf, inni sinbirree lama, muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala hisoophii dhikeessuu ti.
LEV 14:50 Sinbirroota san keessaa takkattii okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti qaluu ti.
LEV 14:51 Achiin duuba muka hindheensaa, baala muka hisoophii, liilana dhiille'ee fi sinbirree lubbu'uun jirtu san fuudhee, dhiiga sinbirree qalanteetii fi bisaan maddaa ka okkotee keessa jiru san keessa cuuphee mana sanitti yennaa torba fiffixuu ti.
LEV 14:52 Inni dhiiga simbirre'eetiin, bisaan maddaatiin, sinbirree lubbu'uun jirtuun, muka hindheensaatiin, baala muka hisoophiitii fi liilana dhiille'een mana san qulqulloonsuu ti.
LEV 14:53 Achiin duuba inni sinbirree lubbu'uun jirtu san qacha'aan alatti diidatti gad lakkisuu ti. Akka kanaan inni mana saniif gumaa tolchee, manni sun qulqulluu hin te'a» jedhe.
LEV 14:54 Seerri kun seera dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, dhukkuba citto'oo,
LEV 14:55 dhukkuba goga'aa farrisiisaa ka woyaa keessaa yookiin ka mana keessaa,
LEV 14:56 ka iitaa, ka robbi'ii yookiin ka baarile'ee ti.
LEV 14:57 Wonni tokko qulqulluu akka te'e yookiin qulqulluu akka hinte'in isaan kanaan beekkama. Seerri kun seera marroo dhukkuba gosa kana maraa ti.
LEV 15:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
LEV 15:2 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u, wonni dhangala'u sun batti'i.
LEV 15:3 Nafa hilaa isaa keessaa wonni dhangala'u sun ittuma fufee yoo dhangala'e yookiin dhangala'iisa yoo lakkiselle nami sun batti'i; wonni isa keessaa dhangala'u sun akki ittiin battummaa fiddu:
LEV 15:4 « ‹Taqeen nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u irra irkate marti battii hin teeti; wonni inni irra te'e martille hin battootti.
LEV 15:5 Nami taqee isaa tuqe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:6 Waan nami nafa hilaa ka isaa keessaa woy dhangala'u irra tee'e irra nami tee'e marti woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:7 Nama nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u nami tuqe marti woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:8 Nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u nama qulqulluu tokkotti yoo tufe, nami inni itti tufe sun woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:9 Kooraan nami nafa hilaa isaa keessa woy dhangala'u irra tee'e marti battii hin te'a.
LEV 15:10 Waan nama san jala jiru mara nami tuqe marti haga galgalaatitti battii hin te'a; waan nami sun irra tee'e mara nami fuudhe woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; Garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:11 Nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u harkaa ifii adoo hin dhiqatin nama tokko yoo tuqe, nami inni tuqe sun woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:12 Okkoteen nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u tuqe cadduu ti; meya muka irraa hujame yoo te'e bisaaniin dhiqamuu ti.
LEV 15:13 « ‹Nami waan nafa hilaa isaa keessaa dhangala'u irraa yennaa qulqulloome, akka aadaa dhugeeffanna'aatitti guyyaa torba eegatuu ti; woyaa ifii dhiqatee, nafa ifiille bisaan maddaatiin dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a.
LEV 15:14 Guyyaa saddeeteso'ootitti saphaliisa lama yookiin maddoo lama fidee, seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti ana Mootii Waan Maraa dura dhufee hayyichatti kennuu ti.
LEV 15:15 Hayyichille isaan keessaa takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, taan ammoo kennansa gubamuuf dhikeessuu ti; akka kanaan sababa waan nafa hilaa isaa keessaa dhangala'u saniitiif fuula ana Mootii Waan Maraa duratti namicha saniif gumaa tolchuu ti.
LEV 15:16 « ‹Nama tokko bisaan sanyi'ii isa keessaa yoo dhangala'e, nafa ifii mara bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:17 Woyaan yookiin wonni gogaa irraa hujame ta bisaan sanyi'ii tuqe sun marti bisaaniin dhiqantuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin teeti.
LEV 15:18 Nami tokko dubartii woliin rafee, bisaan isaa ka sanyii te'u isa keessaa yennaa dhangala'e, isaan lamaanuu nafa ifii bisaaniin dhiqatanuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'an.
LEV 15:19 « ‹Dubartii takka xuriin yoo dhutte, battummaan isi'ii ta xuri'ii haga guyyaa torbaa hin turti; nami isii tuqelle haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:20 Yennaa xuriin isi'ii dhutteertu, wonni isiin irra irkatte yookiin irra teette marti battii hin te'a.
LEV 15:21 Nami taqee isi'ii tuqe marti, woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:22 Nami waan isiin irra teete irra te'ee woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:23 Taqee isi'ii yookiin waan isiin irra teette mara nami tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:24 Nami tokko isii woliin rafee xuriin isi'ii sun yoo isa tuxxe, inni haga guyyaa torbaa battii hin te'a; taqeen inni irra irkate marti battii hin teeti.
LEV 15:25 « ‹Dubartii takka yennaa xuriin isi'ii ta ji'uma ji'aan dhuttu irra dabartee dhiigi isii irraa guyyaa hedduu yoo jige yookiin xuriin isi'ii dabarteen duuba dhiigi isii irraa jigu sun yoo hin lakkisin, akkuma yennaa xurii isi'ii san, haga dhiigi sun dhaabbatu battii hin teeti.
LEV 15:26 Akkuma yennaa xuriin isi'ii ji'uma ji'aan dhutteertu sanii, yennaa dhiigi isii irraa jigiisa hin lakkisin mara, taqeen isiin irra irkatte marti yookiin wonni isiin irra teette marti battii hin te'a.
LEV 15:27 Nami waan san tuqe marti battii hin te'a; inni woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; garuu haga galgalaatitti battii hin te'a.
LEV 15:28 « ‹Dhiigi isii irraa jigu sun yennaa dhaabbate, guyyaa torba eegattuu ti; saniin duuba akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin teeti.
LEV 15:29 Guyyaa saddeetesso'ootitti saphaliisa lama yookiin maddoo lama fiddee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti hayyichatti kennituu ti.
LEV 15:30 Hayyichi isaan keessaa takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, taan kennansa gubamuuf dhikeessuu ti. Akka kanaan battummaa dhiiga isii irraa jigu saniif fuula ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa isi'iif hin tolcha.
LEV 15:31 « ‹Kolbaan Israa'elii Dunkaanii Woldeenna'aa tiyya ta odduu isaanii jirtu san akka hin batteessine, battummaa ifiille'een akka hin duune, isin waan isaan batteessu irraa adda isaan baasa'a› jedha'a» jedhe.
LEV 15:32 Seerri nama nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'uuf yookiin nama bisaan isaa ka sanyii te'u keessaa dhangala'uuf,
LEV 15:33 dubartii xuriin isi'ii dhutteertuuf, dhiira yookiin dubartii woy keessaa dhangala'uuf, dhiira dubartii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti battootteertu woliin rafuuf kenname kana.
LEV 16:1 Ilmaan Aaronii lamaan Mootii Waan Mara dura dhikaatanee du'aneen duuba, Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 16:2 «Ani qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu irratti duumensaan waan mudhadhuuf, obboleessi keeti Aaron gara addee irra caalaa woyyitti'ii ta gollaa keessa, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka Saanduqa Gondooro'oo irra jiru san dura yennaa ifii barbaade mara akka hin seenne itti himi. Inni ajaja kana yoo hin muummessin hin du'a.
LEV 16:3 Inni gara addee irraa caalaa woyyitti'ii adoo hin seeniniin dura kennansa araara cubbu'uutiif dardara tokko, kennansa gubamuuf, korbeessa hoole'ee tokko dhikeessuu ti.
LEV 16:4 «Inni qoloo haga miilaa dheerattu woyyittii quncee talba'aa irraa hujante lukee nafa isaatitti aantu ta quncee talba'aa irraa hujante woliin uffatuu ti; hiituu quncee talbaa irraa hujante hidhatee, marata mata'aa ka quncee talba'aa irraa hujame mata'atti maratuu ti. Isaan kun uffana woyyoomane waan te'aneef, inni nafa ifii dhiqatee uffatuu ti.
LEV 16:5 Inni korbeeyyii re'e'ee lama kennansa araara cubbu'uutiif, korbeessa hoole'ee tokko kennansa gubamuuf, kolbaa Israa'elii irraa fuudhuu ti.
LEV 16:6 «Aaronille kennansa araara cubbuu ifiitiif dardara dhikeesse san, ifii fi maatii ifiitiif gumaa cubbu'uu tolchuu ti.
LEV 16:7 Achiin duuba inni korbeeyyii re'e'ee san lamaanuu fuudhee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti.
LEV 16:8 Aaron korbeeyyii re'e'ee lamaan san tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf, kaan gad lakkisiisaaf hixaa buusuu ti.
LEV 16:9 Inni korbeessa ana Mootii Waan Maraatiif hixaan itti bu'e san fidee kennansa araara cubbu'uutiif ciincessuu ti.
LEV 16:10 Korbeessa cubbuu kolba'aatiif gumaa tolchiisaaf goomole'etti akka gad lakkifamu hixaan itti bu'e san ammoo ana Mootii Waan Maraa dura lubbu'uun dhikeessuu ti.
LEV 16:11 «Aaron dardara kennansa araara cubbuu ifiitiif dhikaatu san dhikeessee, ifii fi maatii ifiitiif gumaa tolchiisaaf qaluu ti.
LEV 16:12 Addee ciinca'aa ta fuula kiyya dura jirtu san irraa kashila girigiraa guutu'uu fi hixaana bulleeffame ka uddaa dansaa qabu ooboo lama fuudhee, gara addee irra caalaa woyyitti'ii geessuu ti.
LEV 16:13 Hixaana san ana Mootii Waan Maraa duratti ibiddatti naquu ti. Akka inni hin duuneef, aarri hixaana sanii qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ta Saanduqa Gondooro'oo irra jirtu san hin golla.
LEV 16:14 Inni dhiiga dardaraa san irraa diqqaa isaa fuudhee quba ifiitiin qadaaddaa gumaa cubbu'uu gubba'atti gara duraatiin itti fiffixuu ti; achiin duuba dhiiga san diqqaa isaa qadaaddaa gumaa cubbu'uu san duratti yennaa torba fiffixuu ti.
LEV 16:15 «Achiin duuba inni korbeessa re'e'ee san araara cubbuu kolba'aatiif qaluu ti; dhiiga isaalle gara addee irra caalaa woyyitti'ii ta gollaa keessaa geessee akkuma dhiiga dardaraa godhe san qadaaddaa gumaan araara cubbu'uu gubba'atti fiffixuu ti; qadaaddaa araara cubbu'uu san duralle'etti fiffixuu ti.
LEV 16:16 Akka kanaan inni sababa battummaa, finqilaa fi cubbuu Israa'elootaa maraatiif addeen irra caalaa woyyitti'ii akka hin battoonne gumaa araara cubbu'uu hin tolcha; Dunkaanii Woldeenna'aa ta odduu isaanii battummaa isaanii wodhakkaa jirtulle akkasuma hin godha.
LEV 16:17 Yennaa Aaron addee woyyittii keessatti gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, Dunkaanii Woldeenna'aa seenu, haga inni ifiif, maatii ifiitii fi kolbaa Israa'elii duudi'iif gumaa cubbu'uu tolchee gad bayutti, nami tokkolle Dunkaanii Woldeenna'aa keessa hin jiraatin.
LEV 16:18 «Achiin duuba inni gara addee ciinca'aa ta fuula kiyya dura jirtuu gad bayee, gumaa cubbu'uu isi'iif tolchuu ti; dhiiga dardaraatii fi korbeessa re'e'ee san irraa diqqaa isaa fuudhee gaafota addee ciinca'aa san mara dibuu ti.
LEV 16:19 Dhiiga san irraa diqqaa isaa fuudhee quba ifiitiin yennaa torbaa addee ciinca'aa irratti fiffixee, battummaa kolbaa Israa'elii irraa adda baasee, addee ciinca'aa san qulqulleessuu ti.
LEV 16:20 «Aaron addee irra caalaa woyyitti'iif, Dunkaanii Woldeenna'aatiif, addee ciinca'aatiifille gumaa cubbu'uu tolchee fixeen duuba, korbeessa re'e'ee ka lubbu'uun jiru san dhikeessuu ti.
LEV 16:21 Inni harka ifii lamaanuu mataa korbeessa re'e'ee ka lubbu'uun jiruu san irra keyee, hammeennaa fi finqila, cubbuu Israa'elootaa mara faaci'ee mataa korbeessa sanii irra keyuu ti. Achiin duuba Aaron korbeessa san gad lakkisee nami hujii tanaaf filame gara lafa goomole'ee geessa.
LEV 16:22 Korbeessi sun cubbuu isaanii mara ba'atee gara lafa goomole'ee deema; namichille korbeessa san lafa nami keessa le'uu hin dandeenne goomolee keessatti gad hin lakkisa.
LEV 16:23 «Achiin duuba Aaron gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenee, woyaa quncee talba'aa irraa hujante ta yennaa addee irra caalaa woyyitti'ii seenu uffatu san ifi irraa baafatee achitti lakkisuu ti.
LEV 16:24 Addee woyyittii sanitti nafa ifii bisaaniin dhiqatee woyaa ifii uffatuu ti. Achiin duuba gad bayee gumaa cubbuu ifii tolchiisaaf kennansa gubamu dhikeessuu ti; kolba'aatiifille gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, kennansa gubamu dhikeessuu ti.
LEV 16:25 Cooma horii kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatee san addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
LEV 16:26 «Namichi korbeessa re'e'ee san lafa goomole'ee geessee gad lakkise sun woyaa ifiitii fi nafa ifii dhiqateen duuba gara addee quttumaa seenuu hin dande'a.
LEV 16:27 Dardarrii fi korbeessi re'e'ee ka kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatane, ka dhiigi isaanii gumaa cubbu'uu tolchiisaaf addee irra caalaa woyyitti'ii seene sun, gogaan, foonii fi cumaan isaanii addee quttumaatiin alatti gad baasanee gubanuu ti.
LEV 16:28 Namichi isaan kana gube woyaa ifiitii fi nafa ifii dhiqatuu qaba; achiin duuba gara addee quttumaa seenuu hin dande'a.
LEV 16:29 «Seerati bara baraa ka isiniif kenname ka asii gad jiru: ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti, Israa'elootii fi nami ormaa ka isaan keessa jiru marti ifi gad qabuu ti; hujii tokkolle hin hujin.
LEV 16:30 Guyyaa kanatti isin qulqulleessiisaaf gumaan araara cubbu'uu waan tolfamuuf, isin ana Mootii Waan Maraa duratti cubbuu teessan mara irraa hin qulqulloontan.
LEV 16:31 Kun Sanbata guyyaa fooraa ti; ifi gad qaba'a; kun seerata bara baraa ti.
LEV 16:32 Hayyichi muudamee addee abbaa ifiititti hayyicha guddaa te'e sun qoloo woyyittii quncee talba'aa irraa hujante uffatee gumaa cubbu'uu tolchuu ti.
LEV 16:33 Addee irra caalaa woyyittii, Dunkaanii Woldeenna'aa, addee ciinca'aatiif, hayyootaa fi kolbaa maraafille gumaa cubbu'uu tolchuu ti.
LEV 16:34 Kun seerata bara baraa ka wogga'atti yennaa tokko cubbuu kolbaa Israa'eliitiif gumaa tolchitanu isiniif te'uu ti» jedhe. Tunille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje hujante.
LEV 17:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 17:2 «Ati Aaronii fi ilmaan isaatitti, Israa'eloota maralle'etti, waan ani Mootiin Waan Maraa ajaje kana himi!
LEV 17:3 Isaaniin, ‹Israa'elootaa keessaa nami addee quttumaatitti yookiin addee quttumaatiin alatti dardara, buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee qalee,
LEV 17:4 fuula Dunkaanii Woyyittii tiyyaa duratti ana Mootii Waan Maraatiif kennansa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa yoo hin fidin, nami sun yakkaan dhiiga dhangalaasiisaa itti muramuu ti; inni dhiiga waan dhangalaaseef kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
LEV 17:5 Tanaaf kolbaan Israa'elii ciincaa diida keessatti Mootii Waan Maraatiif dhikeessite seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fiddi; kennansa dhikaate san hayyichi kennansa tokkumma'aa godhee Mootii Waan Maraatiif dhikeessa.
LEV 17:6 Hayyichi dhiiga san addee ciinca'aa ta seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duraatitti fiffixuu ti; cooma san ka foolee dansaa qabu, ka Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee gubuu ti.
LEV 17:7 Haganaa achi kolbaan Israa'elii Mootii Waan Maraatiif addatamuu lakkittee, waaqota dharaa ka fakkii re'e'ee waaqonfatiisaan sagaagaltee, ciincaa hin dhikeessin; kun dhaloota dhufu mara keessatti seerata bara baraa isaaniif te'uu ti› jedhi.
LEV 17:8 «Ati isaaniin, ‹Isin Israa'eloota keessaa yookiin nama ormaa ka isin odduu jiru keessaa nami kennansa gubamu yookiin ciincaa dhibii dhikeessu tokko,
LEV 17:9 Mootii Waan Maraatiif ciincaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa yoo hin fidin kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
LEV 17:10 « ‹Isin Israa'eloota keessaa yookiin orma isin odduu jiru keessaa nami tokko dhiiga yoo une yookiin foon dhiiga qabu yoo nyaate, ani diina itti hin te'a; nama san kolbaa keessaa hin baasa› jedhi.
LEV 17:11 Lubbuun dada maraa dhiiga keessa waan jirtuuf, gumaa lubbu'uulle ka te'u dhiiga waan te'eef, addee ciinca'aa irratti gumaa lubbuu teessanii akka te'u ani Mootiin Waan Maraa dhiiga isiniif kenneera.
LEV 17:12 Tanaaf ani, ‹Isin kolbaan Israa'elii dhiiga hin unina'a; ormi isin odduu le'ulle dhiiga hin unin› jedhe.
LEV 17:13 «Isin Israa'eloota keessaa yookiin orma isin odduu jiru keessaa nami tokko bineensa yookiin sinbirree nyaatamanu mara keessaa adansee yoo qabate dhiiga keessaa jissee biyye'een golluu ti.
LEV 17:14 Lubbuun dada maraa dhiiga keessa waan jirtuuf, ani kolbaa Israa'eliitiin, ‹Dhiiga dada maraa hin unina'a; nami dhiiga san unu marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
LEV 17:15 « ‹Isin Israa'eloota keessa yookiin orma isin odduu jiru keessaa foon waan ifiin du'ee yookiin ka bineensi dhibiin qabee ijjeese nami nyaate, woyaa ifii dhiqatuu ti; nafa ifiille dhiqatuu ti; garuu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti haga galgalaa battii hin te'a; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a.
LEV 17:16 Woyaa ifiitii fi nafa ifiille bisaaniin yoo hin dhiqatin yakkaa ifiitiif itti hin gaafatama› jedhi» jedhe.
LEV 18:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 18:2 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan;
LEV 18:3 Waan worri biyya Gibxi'ii ta keessa leetane huju hin hujina'a; waan worri lafa kana'aanii ta ani amma itti isin galchu hujanulle hin hujina'a; aadaa isaaniille hin hordofina'a.
LEV 18:4 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; seera kiyyaaf ajajama'a; seerata kiyyalle ifi eegadha'aa hordofa'a.
LEV 18:5 Ani Mootii Waan Maraa ti; seerataa fi seera kiyya nami eegate lubbu'uun waan jiraatuuf isaan kana eegadha'a.
LEV 18:6 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; eennulle dubartii fira ifii bira geyiisaaf woliin hin rafin.
LEV 18:7 Ati haadha teeti woliin rattee bira geettee abbaa keeti hin salphisin; isiin haadha teeti waan teeteef isii bira hin geyin.
LEV 18:8 Niitii abbaa keetii bira geyiisaan abbaa keeti hin salphisin.
LEV 18:9 Obboleettii teeti bira geyiisaaf woliin hin rafin; intala abbaan keeti dubartii dhibii irraa uumate yookiin haati teeti nama dhibi'ii deette bira geyiisaaf woliin hin rafin.
LEV 18:10 Ati akka hin salphanneef, intala ilma keetii yookiin intala intala teetii bira hin geyin.
LEV 18:11 Obboleettii teeti waan teeteef, intala abbaa keetii ta masaanuu haadha teetii bira hin geyin.
LEV 18:12 Fira abbaa keetii waan teeteef, adaadaa teeti bira hin geyin.
LEV 18:13 Fira haadha teetii waan teeteef, obboleettii haadha teetii bira hin geyin.
LEV 18:14 Haadiqqoo teeti waan teeteef, niitii obboleessa abbaa keetii bira hin geyin.
LEV 18:15 Niitii ilma keetii waan teeteef, niitii ilma keetii bira hin geyin.
LEV 18:16 Wosoo teeti waan teeteef niitii obboleessa keetii bira hin geyin.
LEV 18:17 Ati dubartii takka bira yoo geette, fira isi'ii waan te'aneef, intala isi'ii yookiin intala ilma isi'ii yookiin intala intala isi'ii bira hin geyin; tun waan hantu'u.
LEV 18:18 Haga niitiin teeti lubbu'uun jirtu obboleettii isi'ii fuutee masaanuu isi'ii hin tolchin; isii biralle hin geyin.
LEV 18:19 « ‹Dubartii xuriin dhuttee battootteertu bira hin geyin.
LEV 18:20 Niitii nama dhibi'ii bira geettee ifi hin batteessin.
LEV 18:21 Ani Mootii Waan Maraa ti; ijoollee teeti keessaa tokkolle waaqa dharaa Moleekiif, ciincaa tolchiisaaf dabarsitee kennitee, maqaa Waaqa keetii hin batteessin.
LEV 18:22 Waan battii waan te'eef, akka dubartii bira geettu dhiira bira hin geyin.
LEV 18:23 « ‹Waan battii waan te'eef, bineensaa fi horii bira geettee ifi hin batteessin; dubartiille horii bira hin geyin.
LEV 18:24 « ‹Isinille waan kana keessaa tokkolle'een ifi hin batteessina'a; kolbaan gosa adda addaa ta ani isin duraa oofee baasu waan kanaan waan battootteertuuf,
LEV 18:25 lattille battootte; anille cubbuu isi'iitiif isii adabe; lattille worra isii keessa le'u tutte.
LEV 18:26 Isin ammoo seerataa fi seera kiyya eeggadha'a; isin dhalataan biyyaa yookiin nami ormaa ka odduu teessan le'u waan battii tana hin hujina'a.
LEV 18:27 Worri isiniin dura lafa san keessa le'u waan battii tana waan hujeef, latti sun battootteerti.
LEV 18:28 Latti akkuma gosa biyya adda addaa ta isiniin duraa tutte, yoo isin isii batteessitane, isnille hin tutti.
LEV 18:29 Nami waan battii tana huje marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
LEV 18:30 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ajaja kiyya eegadha'a; waan battii worri isiniin dura lafa san keessa le'u huje keessaa waan tokkolle hin hujina'a; hujii tanalle'een ifi hin batteessina'a› jedhi» jedhe.
LEV 19:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 19:2 «Kolbaa Israa'elii duudi'iin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan woyyicha waan te'eef, isinille woyyuu te'a'a.
LEV 19:3 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin marti abba'aa fi haadha teessaniif ulfinna kenna'a; guyyaa Sanbataa kiyya eeggadha'a.
LEV 19:4 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin gara waaqota dharaa hin deebi'ina'a yookiin waan baqisiifamu irraa waaqota dharaa hin hujatina'a.
LEV 19:5 « ‹Kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif ciincessiisaaf yennaa dhikeessitanu, akka fudhatama qabaatutti dhikeessa'a.
LEV 19:6 Ciincaan sun guyyuma isin dhikeessitane san yookiin guyyaa itti aanu nyaatamuu ti; ka irraa hafee haga guyyaa sadii geye gubamuu ti.
LEV 19:7 Guyyaa sadeesso'ootitti yoo nyaatane, battii waan te'eef, ciincaan sun fudhatama hin qabu.
LEV 19:8 Nami isa nyaate waan Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan batteesseef, itti hin gaafatama; nami sun kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
LEV 19:9 « ‹Lafa teessan irraa midhaan yennaa galfattanu, midhaan irga ficha'aa jiru hin haammatina'a yookiin woxoo hin qocatina'a.
LEV 19:10 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; midhaan woyni'ii yennaa wolitti qabattanu, ka damee irratti hafe yookiin ka lafatti harca'e hiyyeessaa fi nama ormaa ka odduu teessan le'uuf lakkisa'a malee, deebitanee woxoo hin qocatina'a.
LEV 19:11 « ‹Hin hatina'a! Dhara hin dubbatina'a! Wol hin sobina'a!
LEV 19:12 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; maqaa kiyyaan dharaan kakatanee, maqaa kiyya hin batteessina'a.
LEV 19:13 Nama hin sobina'a yookiin hin saamina'a; mindaa nama qaxartanee adoo hin kaffalin hin bulchina'a.
LEV 19:14 Ani Mootii Waan Maraa ti; ana Waaqa keeti sodaadhu malee, nama gurra duuda'aa hin abaarina'a yookiin nama ballaa dura gufuu hin keyina'a.
LEV 19:15 « ‹Haqa hin dassina'a; nama maraaf muraa dhuga'aa kenna'a malee, hiyyummaa isaa ilaaltanee hiyyeessaaf hin golina'a; dureessalle durummaa isaatiif ulfinna hin kennina'a.
LEV 19:16 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; kolbaa teessan keessa asii fi achi deemaa hin hamatina'a. Waan lubbuu namaa balleessu tokkolle hin hujina'a.
LEV 19:17 « ‹Ati gadhaa keeti keessatti obboleessa keeti hin jibbin; Yakkaa isaatiif gorsa isaaf kenni malee, sababa isaatiif yakkaamessa hin te'in.
LEV 19:18 Ani Mootii Waan Maraa ti; ati akka ifi jaalattu nama jaaladhu malee, haluu hin bayin, quuqaalle itti hin qabatin.
LEV 19:19 « ‹Seera kiyya eegadha'a. Horii gosa gara garaa wol hin dhaggachiisina'a. Sanyii gosa gara garaa lama fichaa tokko keessatti hin facaasina'a. Woyaa waan gosa lamaa irraa dhowante hin uffatina'a.
LEV 19:20 « ‹Nami tokko garbittii nama dhibi'iif kadhatante yoo woliin rafe, isiin ta wodante yookiin ta bilisa baate yoo hin te'in, itti gaafatamuu ti! Te'uu malee dubartiin sun waan bilisa hin bayiniif isaan hin ijjeefamanu.
LEV 19:21 Namichi garuu kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu korbeessa hoole'ee tokko seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
LEV 19:22 Hayyichi ammoo korbeessa hoole'ee kennansa sababa yakka'aatiif dhikaate san cubbuu namichi hujeef, ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa tolchuu ti; cubbuu isaatiifille araarri hin kennama.
LEV 19:23 « ‹Isin lafa Kana'aaniititti galtanee muka midhaan isaa nyaatanu yennaa dhaabbatane midhaan muka sanii nyaatiis akka dhooggame beeka'a; woggaa sadiif midhaan muka sanii hin nyaatina'a.
LEV 19:24 Woggaa arfeesso'ootitti ammoo midhaan muka sanii marti kennansa galataa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome hin te'a.
LEV 19:25 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; Woggaa shaneesso'ootitti ammoo midhaan muka sanii nyaadha'a; akka kanaan midhaan isin galfattanu isiniif hin misa.
LEV 19:26 « ‹Foon dhiigi keessa jiru hin nyaatina'a. Moruu yookiin xanoo hujiisa hin baratina'a.
LEV 19:27 « ‹Rifeensa mataa keessanii jala hin quxatina'a, areeda keessanille gabaassitanee hin muratina'a.
LEV 19:28 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama du'eef nafa ifi hin ciccirina'a. Nafa keessanille hin naqqafatina'a.
LEV 19:29 « ‹Latti gara sagaagalumma'aa akka hin deebine yookiin hammeennaan akka hin guutane, intala teeti hin batteessin.
LEV 19:30 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; Sanbata kiyya eeggadha'a; addee woyyittii tiyyaaf ulfinna kenna'a.
LEV 19:31 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin akka hin battoonneef gara worra ekeraa dubbisuu hin dhaqina'a yookiin moruu hin barbaadatina'a.
LEV 19:32 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; Waaqa keeti sodaadhu! Nama guddaa duraa ka'i; jaarsaaf ulfinna kenni.
LEV 19:33 « ‹Nami ormaa lafa teessan keessa isin woliin yennaa le'u, isa hin cunqursina'a.
LEV 19:34 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama ormaa ka isin woliin le'u akkuma nama dhalataa biyya keessaniititti ilaala'a; isinille biyya Gibxi'iititti orma teetanee waan turtaneertanuuf, akkuma ifi jaalattanu isa jaaladha'a.
LEV 19:35 « ‹Miki'iin, waan ittiin madaaltanuu fi waan ittiin safartanuun nama hin sobina'a.
LEV 19:36 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase! Mikii, madaallii, waan ittiin safartanuu fi waan dhangala'u waan ittiin safartanu ka sirrii te'etti fayyadama'a.
LEV 19:37 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; seerataa fi seera kiyya mara eeggadha'aatii hordofa'a› jedhi» jedhe.
LEV 20:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 20:2 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Isin keessaa yookiin nama ormaa ka isin woliin le'u keessaa nami tokkolle ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif ciincaa yoo dhikeesse ijjeefamuu ti; kolbaan Israa'elii marti dhaka'aan isa tuntuu ti.
LEV 20:3 Inni ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif kennee, addee woyyittii tiyya batteessee maqaa kiyya woyyichalle waan salphiseef, ani diina itti hin te'a; kolbaa keessalle'ee isa hin baasa.
LEV 20:4 Nami sun ilmaan ifii keessaa waaqa dharaa Moleekiif yennaa kennu kolbaan lafa sanii dhaggaa itti lakkittee yoo isa hin ijjeesin,
LEV 20:5 ani nama sanii fi maatii isaatitti diina hin te'a; isaa fi worra isa woliin waaqa dharaa Moleek waaqonfatu mara Kolbaa keessaa hin baasa.
LEV 20:6 « ‹Nama naaf addatamuu lakkisee, gara worra ekeraa dubbisuutii fi gara worra moruu dhaqee isaan hordofu, ani diina itti hin te'a; kolbaa keessalle'ee isa baasa.
LEV 20:7 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te'eef, ifi adda baasa'aatii, woyyuu te'a'a.
LEV 20:8 Ani Mootii Waan Maraa ka isin woyyoonsu; seerata kiyya eeggadha'aatii, muummessa'a.
LEV 20:9 « ‹Nami tokko abbaa ifii yookiin haadha ifii yoo abaare ijjeefamuu ti; abba'aa fi haadha ifii waan abaareef dhiiga ifiitiif isattuu itti gaafatama.
LEV 20:10 « ‹Nami tokko niitii nama dhibi'ii yoo gaarayyeeffate, namichi gaarayyeeffatee fi namittiin inni gaarayyeeffate sun isaan lamaanuu ijjeefamanuu ti.
LEV 20:11 Nami tokko niitii abbaa ifii woliin yoo rafe, abbaa ifii waan salphiseef innii fi isiille lamaanuu ijjeefamanuu ti; dhiiga ifiitiif isaanumatti itti gaafatama.
LEV 20:12 Nami tokko niitii ilma ifii woliin yoo rafe, kobaa waan te'eef, isaan lamaanuu ijjeefamanuu ti; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama.
LEV 20:13 Nami tokko akkuma dubartii woliin rafu dhiira yoo damaame isaan lamaanuu waan battii waan hujaneef ijjeefamanuu ti; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama.
LEV 20:14 Nami tokko dubartii takka fuudhee, haadha isi'iille yoo fuudhe, tun waan batti'i. Battummaan akkasii odduu teessan akka hin jiraanne, isaa fi isaan lamaanuu ibiddaan gubamanuu ti.
LEV 20:15 Nami tokko horii bira yoo geye, ijjeefamuu ti; horii sanille ijjeesa'a.
LEV 20:16 Dubartiin takka horii woliin yoo ratte, isi'ii fi horii sanille ijjeesa'a; dhiiga isaaniitiif isaanumatti itti gaafatama.
LEV 20:17 « ‹Nami tokko obboleettii ifii yookiin intala abbaan isaa dubartii dhibii irraa uumate yookiin intala haati isaa abbaa dhibi'iif deette yoo fuudhe, battii waan teeteef, kolbaa ifii keessaa bayanuu ti; obboleettii ifii waan salphiseef itti hin gaafatama.
LEV 20:18 Nami tokko dubartii xuriin dhutteertu yoo bira geye, xurii isi'ii waan saaxileef, isiille xurii ifii waan saaxilteef, isaan lamaanuu kolbaa ifii keessaa bayanuu ti.
LEV 20:19 « ‹Obboleettii haadha teetii yookiin adaadaa teeti bira hin geyin; tun fira ifii salphisuu waan teeteef isaan lamaanuu itti hin gaafataman.
LEV 20:20 Nami tokko niitii obboleessa abbaa ifii bira yoo geye, inni abbaa diqqaa ifii waan salphiseef, isaan lamaanuu itti hin gaafataman; ijoollee maleelle hin du'an.
LEV 20:21 Nami tokko niitii obboleessa ifii yoo fuudhe, tun hujii batti'i; obboleessa ifii waan salphiseef isaan lamaanuu ijoollee malee hin hafan.
LEV 20:22 « ‹Latti kana'aanii akka isin keessa leetanu ta ani isin itti galchu sun akka isin hin tunne, seerataa fi seera kiyya mara eegadha'aatii muummessa'a.
LEV 20:23 Isin akka aadaa kolbaa gosa adda addaa ta ani isin duraa ari'ee baasaaru san hin le'ina'a; isaan waan kana waan hujaneef, ani isaan diqadheera.
LEV 20:24 Isin ammoo lafa isaanii hin boojitan; lafa aananii fi dammaa san ani isiniif hin kenna. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka gosa biyya adda addaa keessaa adda isin baase.
LEV 20:25 Tanaaf horii, bineensotaa fi allaatota qulqulluu te'anee fi qulqulluu hin te'in gargar baasa'a; isin horii, bineensotaa fi allaatota yookiin waan lafa irra munyuuqu mara keessaa ta ani akka batti'iititti adda baase saniin ifi hin batteessina'a.
LEV 20:26 Ani Mootiin Waan Maraa woyyicha waan te'eef, isin kiyya akka teetanu gosa biyya adda addaa keessaa waan isin adda baaseef, isinille naaf woyyuu te'a'a.
LEV 20:27 « ‹Isin keessa dhiirti yookiin dubartiin ekeraa dubbisanu yookiin moruu moranu ijjeefamanuu ti; dhaka'aan tumamanuu ti; dhiiga ifiitiif isaanumatti itti gaafatama› jedhi» jedhe.
LEV 21:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati ilmaan Aaronii hayyootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Hayyichi tokko reeffa nama ifii tuqiisaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi hin batteessin.
LEV 21:2 Te'uu malee fira ifii ka dhiko'oo abbaa yookiin haadha ifii, ilma ifii yookiin intala ifii, obboleessa ifii
LEV 21:3 yookiin obboleettii ifii ta hin heerumin reeffa isaanii tuqiisaan ifi batteessuu hin dande'a.
LEV 21:4 Worra fuudhaa fi heerumaan isa woliin firoome reeffa isaanii tuqiisaan ifi hin batteessin.
LEV 21:5 « ‹Hayyooti mataa ifii hin haadatin yookiin areeda ifii cinaa hin haadatin yookiin nafa ifiille hin mummurin.
LEV 21:6 Isaan kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, sagalee ana Waaqa isaaniitiif dhikaattu hayyoota dhikeessanu waan te'aneef, woyyoomanuu ti; isaan ana Waaqa ifiitiif woyyoomanuu ti malee, maqaa kiyya hin batteessin.
LEV 21:7 Isaan hayyoota ana Waaqaaf woyyoomane waan te'aneef, dubartii sagaagaltee battootte yookiin dubartii abbaan manaa lakkise hin fuudhin.
LEV 21:8 Isaan worra ana Waaqa keetiif sagalee dhikeessanu waan te'aneef, ati isaan akka woyyuu te'anetti laakkow; ani Mootiin Waan Maraa ka isin woyyoonsu woyyuu waan te'eef, isaan woyyoota isiniif te'anuu ti.
LEV 21:9 Intalti hayyichaa takka sagaagaltee yoo ifi batteessite, abbaa ifii waan salphitteef ibiddaan gubantuu ti.
LEV 21:10 « ‹Hayyichi guddaan ka obboleeyyan ifii keessaa zayitii muudaa mataa isaatitti naqane, ka woyaa hayyumma'aa akka uffatuufille muudame gadda mudhisiisaaf, rifeensa mataa ifii filatiisa hin lakkisin; woyaa ifiille hin tarsaasin.
LEV 21:11 Inni addee reeffi jiru hin seenin; addee reeffi abbaa isaa yookiin haadha isaa jiru te'ulle achi seenee ifi hin batteessin.
LEV 21:12 Ani Mootii Waan Maraa ti; zayitiin muudaa ta ana Waaqa isaa ta inni ittiin woyyoome isa irra waan jirtuuf, addee woyyittii keessaa gad bayee, addee woyyittii ana Waaqa isaa hin batteessin.
LEV 21:13 « ‹Intalti inni fuudhu ta bantii qaddu teetuu ti;
LEV 21:14 Inni gosa ifii keessaa intala bantii qaddu fuudhuutii malee, haadha hiyyeessaa, dubartii abbaan manaa lakkise yookiin dubartii sagaagaliisaan battootte hin fuudhin.
LEV 21:15 Ani Mootii Waan Maraa ka isa woyyoonsu waan te'eef, inni kolbaa ifii keessatti sanyii ifii hin batteessin jedha› jedhiin» jedhe.
LEV 21:16 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 21:17 «Ati Aaroniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Dhalootaa haga dhalootaatitti sanyii teeti keessaa nami fafa qabu kennansa sagale'ee ana Waaqa ifiitiif dhikeessiisaaf hin dhufin.
LEV 21:18 Nami fafa qabu hin dhikaatin. Ballaan yookiin naafi, nami fuula farqu'uu, farri,
LEV 21:19 nami harka yookiin miila caba'aa,
LEV 21:20 nami xukkeeru yookiin nami qancaraan, nami fafa ilaa qabu yookiin nami dhukkuba goga'aa qabu yookiin nami midhattii tumameeru kennansa sagale'ee hin dhikeessin.
LEV 21:21 Sanyii Aaronii hayyichaa keessaa nami fafa qabu kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessin. Inni fafa waan qabuuf, sagalee ana Waaqa ifii dhikeessiisaaf hin dhufin.
LEV 21:22 Nami akkasii sagalee irra caalaa ana Waaqa isaatiif woyyuu teete keessaa tokko teete waan teeteef, sagalee woyyittii san nyaatuu hin dande'a.
LEV 21:23 Te'uu malee sababa fafa isaatiif, inni addee woyyittii tiyya akka hin batteessine, gara golla'aa hin dhikaatin yookiin gara addee ciinca'aa hin dhikaatin; ka isaan woyyoonsu ana Mootii Waan Maraa ti jedha› jedhiin» jedhe.
LEV 21:24 Maarre Muuseen waan kana Aaronitti, ilmaan isaatii fi kolbaa israa'elii maratti hime.
LEV 22:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 22:2 «Ani Mootii Waan Maraa ti; Aaronii fi ilmaan isaa maqaa kiyya akka hin batteessine, kennansa woyyicha ka kolbaan Israa'elii naaf adda baasane, ulfinnaan akka eeganu itti himi.
LEV 22:3 Isaaniin, ‹Ani Mootii Waan Maraa ti: Dhalootaa haga dhalootaatitti, sanyii teeti keessaa nami tokko akka aadaa dhugeeffanna'aatitti adoo hin qulqulloomin, kennansa woyyicha kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraatiif adda baasanetti yoo dhikaate, nami sun fuula kiyya duraa bawuu ti.
LEV 22:4 « ‹Sanyii Aaronii keessa nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu yookiin nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u haga qulqulloomutti kennansa woyyicha san hin nyaatin. Nami waan reeffa tuqee battowe tuqe yookiin nami nafa hilaa isaa keessaa bisaan sanyii te'u dhangala'u,
LEV 22:5 yookiin bineensota gadha'aan lafa irra lowanu ka isa batteessu yoo tuqe yookiin nama isa batteessu yoo tuqe, battummaan isaa tamiiyyuu teetulle,
LEV 22:6 hayyichi waan akkasii kana tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a; nafa ifii bisaaniin haga dhiqatutti sagalee woyyittii san hin nyaatin.
LEV 22:7 Yennaa aduun seentu inni qulqulluu hin te'a; achiin duuba sagalee isaa waan teeteef, sagalee woyyittii san nyaatuu ti.
LEV 22:8 Ani Mootii Waan Maraa ti; inni akka hin battoonneef, foon waan ifiin du'ee yookiin ka bineensi dhibiin qabee ijjeese hin nyaatin.
LEV 22:9 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ka isaan woyyoonsu; hayyooti ajaja kiyya tuffatanee yakkaameyyii akka hin teene, yookiin akka hin duune, ajaja kiyya eegatanuu ti.
LEV 22:10 « ‹Maatii hayyichaa malee, keessummaan hayyichaa yookiin hojjataan isaaf qaxaramee huju sagalee woyyittii tana hin nyaatin.
LEV 22:11 Garbichi hayyichi beesee ifiitiin bitate yookiin ka mana isaatitti dhalate ammoo sagalee qooda hayyichaa san nyaatuu ti.
LEV 22:12 Intalti hayyichaa takka nama sanyii hayyichaa hin te'in yoo heerumte, sagalee woyyittii tana hin nyaatin.
LEV 22:13 Garuu intalti hayyichaa ijoollee adoo hin deyin dhirsi isi'ii yoo isii lakkise yookiin yoo du'e, isiin akkuma yennaa ijoollummaa ifii gara mana abbaa ifii yoo deebite, sagalee qooda abbaa ifii san nyaatuu hin dandeetti. Te'uu malee nami maatii hayyichaa hin te'in, sagalee san hin nyaatin.
LEV 22:14 « ‹Nami maatii hayyichaa hin te'in tokko, adoo hin beekin sagalee woyyittii san yoo nyaate, gatii waan nyaatee san harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hayyichaaf deebisuu ti.
LEV 22:15 Hayyooti sagalee woyyittii ta kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessite san hin batteessin.
LEV 22:16 Ani Mootii Waan Maraa ka isaan woyyoonsu; nami sagalee woyyittii tana nyaatee yakkaa isa adabissiittu akka huju hin godhina'a jedha› jedhiin» jedhe.
LEV 22:17 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 22:18 «Ati Aaroniin, ilmaa isaatii fi kolbaa Israa'elii maraan, ‹Mootiin Waan Maraa: Nama Israa'elii yookiin nama ormaa ka Israa'el keessa le'u keessaa, nami tokko waadaa gale yookiin kennansa gubamu fedhii ifiitiin ana Mootii Waan Maraatiif yoo dhikeesse,
LEV 22:19 horiin inni dhikeesse sun fudhatama akka qabaatu korma loonii, korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee ka fafa hin qanne te'uu ti.
LEV 22:20 Horiin fafa qabu fudhatama waan hin qabaanneef, waan fafa qabu tokkolle hin dhikeessina'a.
LEV 22:21 Nami tokko waadaa gale muummessiisaaf yookiin kennansa fedhii ifii kenniisaaf, loon keessaa yookiin hoole'ee fi re'ee keessaa kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu fudhatama akka qabaatuuf, ka fafa hin qannee fi komii hin qanne te'uu ti.
LEV 22:22 Horii ballaa yookiin cabaa yookiin horii fafa qabu yookiin ka robbii qabu yookiin horii madaan isaa malaa qabu yookiin dhukkuba goga'aa qabu ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hin dhikeessina'a; horii akkasii addee ciinca'aa irratti kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessina'a.
LEV 22:23 Korma yookiin hoolee ka harki yookiin luki isaanii akka malee dheeratanu yookiin gabaabbatanu kennansa fedhii teessanii gootanee dhikeessuu hin dandeettan; kennansa waadaa galameef ammoo fudhatama hin qabu.
LEV 22:24 Horii midhattiin isaa kolaafame yookiin tumame yookiin baqaffame yookiin murame ana Mootii Waan Maraatiif kennansa hin dhikeessina'a. Lafa teessan keessatti horii akkasii kennansa hin dhikeessina'a.
LEV 22:25 « ‹Horii akkasii orma irraa fuutanee sagalee ana Waaqa keessanii gootanee hin dhikeessina'a. Horiin akkasii fafa yookiin komii waan qabuuf fudhatama hin qabu jedha› jedhiin» jedhe.
LEV 22:26 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
LEV 22:27 «Jabbiin, ilmooleen hoole'ee yookiin re'e'ee yoo dhalatane guyyaa torba haadha ifii bira turanuu ti; guyyaa saddeetesso'ootiin jalqabee kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamuuf fudhatama qaban.
LEV 22:28 Sa'a waatii isaa woliin yookiin hoolee ilmee isi'ii woliin guyyuma tokko hin qalina'a.
LEV 22:29 Kennansa galataa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessitanu akka isiniif fudhatama qabaatu akkasitti dhikeessa'a.
LEV 22:30 Ani Mootii Waan Maraa ti; kennansa san guyyuma dhikaate san nyaadha'a malee, tokkolle boruuf hin hamburatina'a.
LEV 22:31 «Ani Mootii Waan Maraa ti; ajaja kiyya eegadha'a; muummessaalle'e.
LEV 22:32 Ani Mootii Waan Maraa ka isin woyyoonsu; Kolbaa Israa'elii maratti ani woyyicha akka te'e beekkamuu qaba. Maqaa kiyya woyyicha hin batteessina'a.
LEV 22:33 Ani Mootii Waan Maraa ti; Waaqa isiniif te'iisaaf biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase ana» jedhe.
LEV 23:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 23:2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: jilti ana Mootii Waan Maraatiif filante, ta yaa'ii woyyittii isin itti lassitanu ta asii gad jirtu;
LEV 23:3 « ‹Guyyooti jaa ka isin hujii hujjanu; guyyaan torbeesso'oo ammoo Sanbata fooraa, guyyaa yaa'ii ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome; guyyaa sanbataa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan te'eef, addee leetanu maratti hujii hin hujina'a› jedha» jedhiin.
LEV 23:4 Itti dabalee, «Yennaan jilaa ta ana Mootiin Waan Maraatiif filante, ta yaa'ii woyyittii isin itti lassitanu:
LEV 23:5 Jilti irra dabaramaa, ta Mootii Waan Maraa, ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii afurfeesso'ootitti galgala dimimmisa jilifanti.
LEV 23:6 Jilti irra dabaramaa ta Mootii Waan Maraa ta daabboo uukoo hin qannee guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti jalqabanti. Guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a.
LEV 23:7 Guyyoota kana keessaa guyyaa tokkeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a; ijjumaa hujii hin hujina'a.
LEV 23:8 Guyyaa torba kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; guyyaa torbeesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee, ijjumaa hujii hin hujina'a» jedhe.
LEV 23:9 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 23:10 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani isiniif kennu sanitti galtanee midhaan yennaa galfattanu laddee matoomaa hayyichaaf kenna'a.
LEV 23:11 Laddeen sun akka isiniif fudhatama qabaattu, hayyichi ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosee kennansa tachoofamu dhikeessuu ti. Hayyichi laddee san guyyaa Sanbatatti aanu dhikeessuu ti.
LEV 23:12 Guyyaa laddee san kennansa tachoofamu dhikeessitanu, buruusoo korbeessa hoole'ee ka fafa hin qannee fi ka woggaa tokkoo kennansa gubamu, ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
LEV 23:13 Bullaa dansaalle kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaa gara litirii tokkootiin sukkuumante ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu, daadhii woyni'iille litirii tokko woliin dhikeessa'a.
LEV 23:14 Kennansa kana ana Waaqa keessaniif haga dhikeessitanutti, shawwee midhaan kanaa, akum'ee yookiin daabboo isaa hujjanee hin nyaatina'a. Seerri kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti.
LEV 23:15 « ‹Guyyaa Sanbatatti aanu, guyyaa laddee matoomaa kennansa tachoofamu dhikeessitaneen jalqaba'aatii torbaan yennaa torba laakkowa'a!
LEV 23:16 Sanbata torbeesso'ootiin duuba guyyaa shantameesso'oo ammalle midhaan barano'oo irraa ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessa'a!
LEV 23:17 Addee leetanu mara keessaa daabboo xaltaa lama lama ta bullaa dansaa kiiloogiraama lama irraa hujante ta uukoo qaddu, midhaan qara bilchaate irraa kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
LEV 23:18 Kennansa daabbo'oo kana woliin buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba ta woggaa tokko tokkoo ta fafa hin qanne, dardara tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee lama kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a! Kun kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisuu te'anee dhikeeffamanuu ti.
LEV 23:19 Achiin duuba korbeessa re'e'ee tokko ciincaa araara cubbu'uutiif, buruusoo korbeeyyii hoole'ee lama ta woggaa tokko tokkoo kennansa tokkumma'aatiif dhikeessa'a.
LEV 23:20 Hayyichi daabboo midhaan qara bilchaatee san buruusoo korbeeyyii hoole'ee lamaan san woliin kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti; isaan kun kennansa Mootii Waan Maraatiif woyyoome qooda hayyichaa ti.
LEV 23:21 Guyyaa san wol geyii woyyittii lassa'a malee hujii ijjumaa hin hujina'a! Kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf, seerata haga bara baraa te'uu ti.
LEV 23:22 « ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; midhaan lafa teessanii yennaa galfattanu haga fichaa qarqaraatitti hin haammatina'a; woxoo midhaan galfattanu sanii hiyyeessaa fi alaga'aaf lakkisa'a› jedha» jedhiin.
LEV 23:23 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 23:24 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ji'a torbeesso'oo guyyaan jalqabaa guyyaa fooraa ti. Guyyaa yaadanno'oo lassiisaaf tultullaa afuufa'a; isin yaa'ii woyyittii qabaatuu qaddan.
LEV 23:25 Guyyaa san kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a› jedha» jedhiin.
LEV 23:26 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
LEV 23:27 «Ji'a torbeesso'oo kanatti guyyaan kudhaneesso'oo, guyyaa gumaan cubbu'uu tolfamu te'uu ti. Guyyaa kana ifi gad qaba'a; yaa'ii woyyittii godhadha'a; kennansa ibiddaan gubamulle Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
LEV 23:28 Guyyaa gumaa cubbu'uu ka ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti, gumaan cubbu'uu isiniif tolfamu waan te'eef, ijjumaa hujii hin hujina'a.
LEV 23:29 Nami guyyaa san gad ifi hin qanne kolbaa ifii keessaa bayuu ti.
LEV 23:30 Nama guyyaa san hujii huju mara ani kolbaa isaa keessaa hin balleessa.
LEV 23:31 Tanaaf guyyaa san ijjumaa hujii hin hujina'a; kun addee leetanu maratti dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti.
LEV 23:32 Kun guyyaa Sanbataa ka itti foorfattanu isiniif te'uu ti; gad ifi qaba'aatii, ji'a san keessa galgala guyyaa sagaleesso'ootii jalqaba'aa, haga galgala guyyaa itti aanuutitti Sanbata ulfeessa'a» jedhe.
LEV 23:33 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 23:34 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Maraa: Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti jilti gose'ee ana Mootii Waan Maraatiif jalqabantee, haga guyyaa torbaa turtuu ti.
LEV 23:35 Guyyaan jalqabaa guyyaa yaa'ii woyyitti'ii ti; hujii ijjumaa hin hujina'a.
LEV 23:36 Guyyaa torbaanuu kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. Guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'aatii kennansa ibiddaan gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; guyyaan sun guyyaa yaa'ii muummessitanu waan te'eef ijjumaa hujii hin hujina'a.
LEV 23:37 « ‹Guyyooti jilaa ka ana Mootii Waan Maraatiif filamane, ka isin kennansa gubamu, kennansa midhaanii, ciinca'aa fi kennansa daadhii woyni'ii guyyaa isaaniif murteeffametti ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan dhikeessiisaaf, yaa'ii woyyittii itti lassitanu isaan kana.
LEV 23:38 Kennansi asii olii kun marti guyyaa Sanbata kiyyaa, guyyoota kennansa keessan ka adda addaa, kennansa waadaa galtanee fi kennansa fedhii teessanii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitanu irratti ka dabalamee dhikaatu.
LEV 23:39 « ‹Ji'a torbeesso'oo, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, Midhaan keessan fichaa irraa galfattaneen duuba, guyyaa torba ana Mootii Waan Maraatiif jila tana jilifadha'a. Guyyaan jalqabaa guyyaa fooraa te'uu ti; guyyaan saddeetesso'oolle guyyaa fooraa te'uu ti.
LEV 23:40 Guyyaa jalqabaa sanitti, midhaan dadansaa, baala meexxi'ii, damee baala qadduu fi muka laga qarqaratti latu qabadha'aatii guyyaa torba ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti firinxiixa'a.
LEV 23:41 Jila tana wogguma wogga'atti ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa torba ana Mootii Waan Maraatiif jila jilifadha'a; kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti.
LEV 23:42 Guyyaa torba gosee keessa tee'a'a; nami dhalootaan Israa'el te'e marti gosee keessa turuu ti.
LEV 23:43 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baase gosee keessa akka le'anu akka isaan tolche dhalooti keessan tanaan beekan jedha› jedhiin» jedhe.
LEV 23:44 Maarre Muuseen akka kanaan guyyoota jila Mootii Waan Maraatiif filamane kolbaa Israa'eliititti beessise.
LEV 24:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 24:2 «Ifi yennaa mara akka ifu, Israa'elooti zayitii qulluu muka ejersaa irraa cunfantee dhimbiibante akka sii fiddu ajaji!
LEV 24:3 Aaron Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti, gollaa dhugaa bayaatiin alatti, galgalaa haga ganamaatitti, ifa yennaa mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti; kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti.
LEV 24:4 Aaron waan issaa irra keyanu ta worqii qulluu irraa hujante san irratti, ifi sun akka hin dhaanne ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti.
LEV 24:5 «Bullaa dansaa fuudhiitii xaltaa daabbo'oo kudhanii lama, tokko tokkoon isaa kiiloogiraama lama lama ka te'e bilcheessi.
LEV 24:6 Xaltaa daabbo'oo san xarapheessaa worqii qulluu irraa hujame irratti tarree lamaan, jaan jaaniin fuula kiyya dura wol irra naqi.
LEV 24:7 Xaltaa daabbo'oo san woliin qooda yaadannoo kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu akka te'u, hixaana qulluu tarree lamaan san irra kaayi.
LEV 24:8 Aaron bakka kolbaa Israa'elii bu'ee daabboo tana, Sanbata mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti. Tun Gondooroo bara baraa teetuu ti.
LEV 24:9 Daabboon tun qooda Aaroniitii fi qooda ilmaan isaa ti; kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii ka irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatanuu ti. Kun seerata haga bara baraa ti» jedhe.
LEV 24:10 Nami haati isaa dubartii Israa'elii teete, ka abbaan isaa nama Gibxi'ii te'e tokko odduu Israa'elootaatitti gad bayee, Israa'elicha tokko woliin wol lolane.
LEV 24:11 Ilmi dubartii Israa'elii sun maqaa Waaqaa abaaree waan faanshesseef, gara Muuse'ee isa fidane; haati isaa intala Dibrii nama gosa Daanii ti; maqaan isi'ii «Shelomiit» jedhama.
LEV 24:12 Fedhi Mootii Waan Maraa haga isaanitti mudhatutti, isaan mana hidha'aatitti isa galchane.
LEV 24:13 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 24:14 «Nama maqaa Waaqaa abaaree faanshesse san addee quttumaatiin alatti baasi. Worri faanshessiisa isaa dhage'e marti akka inni yakkaa huje dhugaa bayiisaaf harka ifii mataa isaa irra keyanuu ti; achiin duuba wolde'i marti dhaka'aan isa tumanuu ti.
LEV 24:15 Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami maqaa Waaqa ifii abaaru marti cubbuu waan hujeef, itti hin gaafatama.
LEV 24:16 Nami maqaa Mootii Waan Maraa faanshessu ijjeefamuu ti! Kolbaan wolde'i marti dhaka'aan isa tumanuu ti; alagaalle te'u yookiin dhalataa biyyaalle te'u nami maqaa Waaqaa faanshessu ijjeefamuu ti.
LEV 24:17 « ‹Nami nama yoo ijjeese ijjeefamuu ti.
LEV 24:18 Nami horii namaa ijjeese abbaa saniif horuma gosa sanii bakka buusuu ti.
LEV 24:19 Nami tokko nama yoo miidhe, wonni inni nama irratti godhe sun isa irralle'etti godhamuu ti.
LEV 24:20 Yoo inni lafee namaa casse, lafeen isaalle cadduu ti; yoo inni ila namaa balleesse, ilti isaalle badduu ti; yoo inni ilkaan nama casse, ilkaan isaalle cabuu ti. Akkuma nama dhibii miidhe, innille miidhamuu ti.
LEV 24:21 Nami horii ijjeese, horii ijjeese san bakka buusuu ti; nami nama ijjeese ammoo ijjeefamuu ti.
LEV 24:22 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama alaga'aa fi nama dhalataa biyyaa te'eefille seeruma tokko qabaadha'a› jedhi» jedhe.
LEV 24:23 Achiin duuba Muuseen waan kana mara kolbaa Israa'eliititti hime; isaan namicha san addee quttumaatiin alatti baasanee dhaka'aan tumanee ijjeesane. Akka kanaan kolbaan Israa'elii waan Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje mara goote.
LEV 25:1 Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti Muuse'een,
LEV 25:2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani isiniif kennu sanitti yennaa galtanu, foora sanbataa ka woggaa torbeesso'oo mara lafa qotiisa lakkisiisaan ana Mootii Waan Maraa ulfeessa'a.
LEV 25:3 Woggaa jaa fichaa keessanitti facaafadha'aa, muka woyni'ii keessanille quxadha'aatii, midhaan keessan galfadha'a.
LEV 25:4 Woggaan torbeesso'oo ammoo foora sanbataa ka woggaa torbaa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome; fichaa keessanitti hin facaafatina'a; muka woyni'ii keessanille hin quxina'a.
LEV 25:5 Midhaan haaga'ee hin haammatina'a. Muka woyni'ii ka hin quxamin irraa midhaan hin guuratina'a. Lattille woggaa fooraa qabaattuu ti.
LEV 25:6 Foora sanbataa ka woggaa torbaa keessa wonni latti baachu marti si'iif, garboota teeti ta dhiiraatii fi ta dubarti'iitiif, hojjataa qaxaramee hujuu fi alagaa yenna'aaf isin woliin le'uuf sagalee te'uu ti.
LEV 25:7 Horii keetii fi bineensa biyya teeti keessa jiranu maraafille sagalee te'uu ti.
LEV 25:8 « ‹Woggaa fooraa torba yennaa torba laakkow; wolumatti woggaa afurtamii sagal hin te'an.
LEV 25:9 Achiin duuba ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'oo, guyyaa gumaa cubbu'uu, biyya teessan addee maratti tultullaan afuufamuu ti.
LEV 25:10 Woggaa shantameesso'oo woyyoonsa'a; namoota biyya teessan keessa jiru maraaf bilisummaa lassa'a. Woggaan tun jila woggaa shantameesso'oo isiniif teetuu ti. Woggaa tanatti tokko tokkoon keessan gara qabeenna maatii teessaniitii fi gara fira keessanii deebi'a'a.
LEV 25:11 Woggaan shantameesso'oo tun jila woggaa shantameesso'oo isiniif teetuu ti; ficha'atti hin facaafatina'a; midhaan ifiin late yookiin woynii hin quxamin irraa midhaan hin guuratina'a.
LEV 25:12 Woggaan shantameesso'oo jila woggaa shantameesso'oo waan teeteef, ta woyyoonte isiniif teetuu ti; waan fichaa keessatti ifiin late callaa nyaadha'a.
LEV 25:13 « ‹Woggaa shantameesso'oo tana keessa nami martinuu gara qabeenna ifii deebi'uu ti.
LEV 25:14 Isin lafa yoo wolitti gurgurtane yookiin yoo wol irraa bitattane wol hin dagina'a.
LEV 25:15 Isin akka bacinna laakkossa woggoota jila woggaa shantameesso'ootiif hatteetitti shallaga'aatii nama biyya teessanii irraa bitadha'a. Innille akka laakkossa woggoota midhaan irraa galfatiisa dande'anuutitti shallagee gurguruu ti.
LEV 25:16 Wonni inni isinitti gurguru laakkossa woggaa isin midhaan irraa galfattanuun waan te'eef, yoo woggaan hedduu teete, gatii itti dabala'a; yoo woggaan diqqoo teete gatii irraa cassa'a.
LEV 25:17 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te'eef, ana Waaqa keessan sodaadha'a malee, wol hin dagina'a.
LEV 25:18 « ‹Lafa irra nageyaan akka leetanu, seerata kiyya eegadha'a; seera kiyyaaf ajajamiisaafille ifi eegadha'a.
LEV 25:19 Achiin duuba latti midhaan hin kenniti; isinille nyaattanee quuttanee, nageyaan hin leetan.
LEV 25:20 « ‹Isin: yoo hin facaafatin yookiin midhaan yoo hin galfatin woggaa torbeesso'oo keessa maan nyaanna jettanee gaafattan fa'a te'a.
LEV 25:21 Woggaa jayeesso'ootitti latti midhaan woggaa sadiif gewu akka isiniif kennitu ani eebba kiyya isiniif hin erga.
LEV 25:22 Woggaa saddeetesso'ootitti midhaan yennaa facaafattanu, midhaan galisoo san nyaattan; haga midhaan woggaa sagaleesso'oo galfattanulle'etti midhaanuma san nyaatan.
LEV 25:23 « ‹Latti tiyya waan teeteef, isin ammoo alagaa yenna'aaf lafa tiyya irra jirtanu waan teetaneef, latti gurgurantee achumaan hin hafin.
LEV 25:24 « ‹Lafa ifiif qabattane mara keessatti mirgi lafa deebisanee wodatanu jiraatuu ti.
LEV 25:25 Isin worra Israa'elii keessaa nami tokko hiyyoommatee, lafa ifii yoo gurgure, nami fira aantii isaa deebisee isaaf wodatuu ti.
LEV 25:26 Nami sun fira aanti'ii ka lafa san isaaf wodu yoo hin qabaatin, inninuu deebisee wodatiisaaf karra yoo dhaggate ammoo,
LEV 25:27 lafa san haga itti gurgureen jalqabee, woggoota dabarane laakkowee, waan irraa hafe namichaaf deebisuu ti.
LEV 25:28 Deebisee wodatiisaaf harki isaa yoo hanqate ammoo, haga jila woggaa shantameesso'ootitti, latti sun abbuma bitate san harka turtuu ti; woggaa shantameesso'ootitti abbaa qara gurgureef deebituu ti; namichi keessaa bayee gara lafa ifii deebi'uu ti.
LEV 25:29 « ‹Nami tokko qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabu keessa jiru keessatti mana ifii yoo gurgure, gurgureen duuba woggaa tokko keessatti wodatiisaaf mirga qaba.
LEV 25:30 Manni sun woggaa tokko keessatti yoo hin wodamin, manni qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabu san keessaa sun, namicha bitatee fi sanyii isaatiif te'uu ti; manni sun woggaa shantameesso'ootitti hin wodamin.
LEV 25:31 Manooti ollaa dalleya dhaka'aa hin qanne keessa jiranu ammoo akka mana diida keessa jiruutitti laakkowamanee, wodamanee, woggaa shantameesso'oo keessa deebifamanuu ti.
LEV 25:32 Te'uu malee, worri Lewwootaa manoota qachaa isaanii keessa jiranu yennaa mara wodatiisaaf mirga qaban.
LEV 25:33 Manooti qachoota Lewwootaa keessa jiranu, odduu Israa'elootaatitti qabeenna Lewwootaa waan te'aneef, worri Lewwootaa mana qachoota ifii keessaa gurguranee yoo wodatiisa dhabane, woggaa shantameesso'ootitti manni sun Lewwootaaf deebi'uu ti.
LEV 25:34 Addeen horii itti bobbaafatanu ta adaala qachaa isaanii jirtu ammoo qabeenna isaanii ka bara baraa waan teeteef, hin gurguramin.
LEV 25:35 « ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee ifi qarqaariisa yoo dadhabe, akka inni odduu teessan le'iisa dande'u, akkuma nama alaga'aatii fi nama yenna'aaf odduu teessan jiru qarqaartanu isa qarqaara'a.
LEV 25:36 Isin ammoo ana Mootii Waan Maraa keessan sodaadha'a; akka inni odduu teessan le'uuf, waan tokkolle dhalaan isa irraa hin fudhatina'a.
LEV 25:37 Beesee teeti dhalaan isaaf hin liqeessin; sagalee isatti gurgurtu irraa bu'aa hin barbaadin.
LEV 25:38 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka lafa kana'aanii isiniif kenniisaaf, Waaqa keessanille isiniif te'iisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa isin baase.
LEV 25:39 « ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee isinitti ifi yoo gurgure, akka garbaatitti isa hin hujisiisin.
LEV 25:40 Isin biratti inni akka nama qaxaramee hujuu yookiin akka nama yenna'aaf odduu teessan jiruutitti laakkowamuu ti; inni haga woggaa shantameesso'ootitti isinii hujuu ti.
LEV 25:41 Achiin duuba innii fi ijoolleen isaa bilisa bayanee fira ifii, gara qabeenna abbootii ifii ta duriititti deebi'uu ti.
LEV 25:42 Israa'elooti tajaajiltoota tiyya ta ani biyya Gibxi'ii keessaa baase waan te'aneef, akka garbaa hin gurguramin.
LEV 25:43 Isin ana Waaqa keessan sodaadha'a malee, gadhi-jabeennaan isaan hin bulchina'a.
LEV 25:44 Garboota teessan ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii gosa biyya adda addaa ta adaala keessan jiranu keessaa bitatuu hin dandeettan.
LEV 25:45 Akkasuma worra yenna'aaf odduu teessan le'uu fi worra fira isaanii ka biyya teessan keessatti dhalate bitatiisa hin dandeettan; isaan qabeenna keessan hin te'an.
LEV 25:46 Akka qabeenna keessanii ijoolleen teessan isaan dhaaltuu ti; bara jiruu isaanii mara garboota isaan godhatuu dandeettan. Te'uu malee Israa'eloota obboleeyyan teessan gadhi-jabeennaan hin bulchina'a.
LEV 25:47 « ‹Nami alagaan yookiin nami yenna'aaf odduu teessan le'u tokko yoo duroome, nami biyya teessanii tokko hiyyoommatee nama alaga'aa ka odduu teessan le'utti yookiin nama fira alaga'aa sanitti yoo ifi gurgure,
LEV 25:48 inni ifi gurgureen duuba mirga wodamiisaa hin qaba. Nami obboleessa isaa,
LEV 25:49 wosiilli isaa yookiin ilmi wosiila isaa yookiin sanyii worra isaa keessaa nami tokko isa wodiisa hin dande'a yookiin inninuu yoo karra dhaggate ifi wodatiisa hin dande'a.
LEV 25:50 Inni woggaa ifi itti gurgureen jalqabee haga woggaa shantameesso'ootitti nama isa bitate san woliin yennaa isaa laakkowanuu ti; gatiin inni ittiin lakkifamu akka laakkossa woggoota saniititti, akka nama qaxaramee huju tokkoof kaffalamutti shallagama.
LEV 25:51 Woggaan hedduun hattee yoo jiraatte, gatii inni ittiin ifi gurgure keessaa, gatiin laakkossa woggaa hatte sanii shallagantee, gatii wodoo ifii isaaf kaffaluu ti.
LEV 25:52 Haga jila woggaa shantameesso'ootitti woggaan diqqoon callaan yoo hattee jiraatte, haga woggaa hatte saniititti gatii isaaf kaffaluu ti.
LEV 25:53 Inni akka nama wogga'aa gara wogga'aatitti qaxaramee le'uu ti; namichi isa bitate sun isin duratti gadhi-jabeennaan isa hin bulchin.
LEV 25:54 Akka kanaan yoo wodamiisa dhabe, innii fi ijoolleen isaa jila woggaa shantameesso'ootitti gad lakkifamanuu ti.
LEV 25:55 Isin kolbaan Israa'elii tajaajiltoota tiyya; isin tajaajiltoota tiyya ta ani biyya Gibxi'ii keessaa baase; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan› jedhiin» jedhe.
LEV 26:1 Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan; isin waaqota dharaa hin hujatina'a yookiin fakkii yookiin soodduu woyyittii hin dhaabbatina'a; dhakaa qiriixamelle itti sagadiisaaf biyya teessan keessatti hin dhaabina'a!
LEV 26:2 Ani Mootii Waan Maraa ti! Guyyaa Sanbataa kiyya eegadha'a; addee woyyittii tiyyaafille ulfinna kenna'a.
LEV 26:3 «Isin seerata kiyya yoo eegattane, ajaja kiyyaafille akka dansaa yoo ajajantane,
LEV 26:4 Bokkeya yennaa isaatitti isiniif hin kenna; latti midhaan hin baachi; mukille midhaan hin buusa.
LEV 26:5 Midhaan adoo dhowattanuu yennaan unkuruura woyni'ii murattanu hin geetti; unkuruura woyni'iille adoo murattanuu yennaan midhaan facaafattanu hin geetti; sagalee barbaaddane maralle hin nyaattan; lafa teessan keessalle nageyaan hin leetan.
LEV 26:6 «Lafaaf nageya hin kenna; isin hin foorfattan; nami isin sodaachisu tokkolle hin jiraatu. Ani bineensa hamaa lafa irraa hin balleessa; diinni keessan haganaa achi isin hin lolu.
LEV 26:7 Isin diinota keessan hin ariitan; isaanille shallaagaa keessaniin isin duratti hin dhumatan.
LEV 26:8 Isin nami shan isaan nama dhibba hin ariitan; isin nami dhibbi isaan nama kuma kudhan hin ariitan; diinoti keessanille shallaagaa keessaniin isin duratti hin dhumatan.
LEV 26:9 Ani gara keessan hin ilaala; akka isin hortanu godhee, isin hin baceessa. Gondooroo isin woliin godhadhe hin eegadha.
LEV 26:10 Isin midhaan bara dabaree adoo nyaattanuu, midhaan bara haareyaatiif addee dhaggatiisaaf, midhaan bara dabaree san hin haxoottan.
LEV 26:11 Ani addee leetoo tiyyaa odduu teessanitti hin godhadha; isin hin jibbulle'e.
LEV 26:12 Ani yennaa mara odduu teessan le'ee, Waaqa isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan.
LEV 26:13 Akka isin haganaa achi worra Gibxi'iitiif garba hin teene, biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani waanjoo garbumma'aa isin irraa cassee, ol jettanee akka deentanu isin godheera.
LEV 26:14 «Isin naaf ajajamiisa dhaddanee, ajaja kiyya mara yoo hin eegatin,
LEV 26:15 seerata kiyyalle tuffattanee, seera kiyya yoo jibbitane, akka ajaja kiyyaatitti hujuu dhaddanee, gondooroo tiyya yoo diiddane,
LEV 26:16 ani waan asii gad jiru isinitti hin fida: bararaqa dedhaa, dhukkuba balleessu, o'a ila isin balleessee jiruu gossu isinitti fida; isin sanyii hin facaafatan, garuu diinota keessanitti nyaata.
LEV 26:17 Akka diinni keessan isin injifatu, ani diina isinitti hin te'a; worri isin jibbu isin hin bulcha; adoo nami isin hin ari'in hin baqattan.
LEV 26:18 «Tana maraan duuba isin ammalle naaf yoo hin ajajamin, ani sababa cubbuu teessaniitiif dachaa torba isin hin adaba.
LEV 26:19 Ani hunna teessan ta isin ittiin koortanu hin cassa; bokkeenni akka hin roonne, gubbaa akka sibiilaa, lafa akka sageettu'uu hin godha.
LEV 26:20 Latti teessan midhaan waan hin baanneef, muki keessanille midhaan waan hin buunneef, hunni teessan toluma dhumatti.
LEV 26:21 «Isin na mormitanee, na dhage'iisa yoo diddane, ani akka cubbuu teessaniititti dachaa torba rakkinna isinitti fida.
LEV 26:22 Ani bineensota ijoollee teessan isin duraa fudhatu, ka horii keessan balleessu, ka laakkossa keessanille diqqeessee, nami karaa irra deemu akka dhabamu godhu isinitti hin erga.
LEV 26:23 «Waan kanalle'een gara kiyya deebi'uu diddanee, anaan yoo mormitane,
LEV 26:24 ani isin mormee sababa cubbuu teessaniitiif dachaa torba rakkinna isinitti hin fida.
LEV 26:25 Gondooroo tiyya waan diiddaneef, haluu bayiisaaf, shallaagaa isinitti hin fida. Yennaa isin qachaa keessatti wolitti qabantanu, ani balaa odduu teessanitti hin erga; harka diinaatitti dabarfantanee hin kennantan.
LEV 26:26 Yennaa ani sagalee isin dhooggu, dubartiin kudhan eelee takka'atti daabboo isiniif bilcheessitee, madaaltee isinii hin dhikeessiti; isin hin nyaattan, ammoo hin quuttanu.
LEV 26:27 «Waan kanalle'een gara kiyya deebi'uu diddanee, anaan yoo mormitane,
LEV 26:28 achiin duuba aarii tiyyaan isin mormee, sababa cubbuu teessaniitiif, dachaa torba isin hin adaba.
LEV 26:29 Isin foon ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin nyaattan.
LEV 26:30 Addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa; addee ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu hin diiga; reeffa keessan waaqota dharaa keessan ka lubbuu hin qanne san irratti hin tuula; isinille hin diqadha.
LEV 26:31 Qachoota keessan hin diiga; addee woyyittii teessanille hin onsa; ciincaa keessan ka foolee dansaa qabu sanille hin fudhadhu.
LEV 26:32 Diinoti keessan ka lafa teessan keessa le'anu, dhagganee akka rifatanu lafa teessan hin onsa.
LEV 26:33 Gosa biyya adda addaa keessa isin bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isin hin ari'a; latti teessan duwwaa teetee, qachooti keessanille hin ona.
LEV 26:34 Achiin duuba latti woggoota onte san mara, yennaa isin biyya diinota keessanii keessa jirtanu foora sanbataa ka woggoota torbaa ka ifii sanitti hin gammaddi; achiin duuba latti foorfattee, Sanbata ifiititti hin gammaddi.
LEV 26:35 Latti woggoota Sanbataa ta yennaa isin keessa leetane san foora hin qanne, yennaa ontee teettu san mara hin qabaatti.
LEV 26:36 «Isin keessaa worra lubbu'uun hafe, lafa diinota isaanii keessa jiranuun sodaa hantuu isaanitti hin erga. Shokokkeessi baala qilleensi tachoosuu isaan hin bararassa; nami isaan ari'u adoo hin jiraatin akka nama shallaagaa dheetuu hin baqatan; hin jiganille'e.
LEV 26:37 Nami isaan ari'u adoo hin jiraatin, akka nama shallaagaa dheetuu adoo baqatanuu wol gufatan. Maarre isin diinota keessan dura dhaabbatiisa hin dandeettanu.
LEV 26:38 Isin gosa biyya adda addaa oddu'utti hin dhumattan; latti diinota keessanii isin hin liqinsiti.
LEV 26:39 Isin keessaa worri lubbu'uun hafe, sababa cubbuu ifiitii fi sababa cubbuu abbootii ifiitiif lafa diinota ifii keessatti hin yaayyan.
LEV 26:40 «Te'uu malee isaan cubbuu ifiitii fi cubbuu abbootii ifii ta isaan maltumma'aan na mormatane yoo faaci'atane,
LEV 26:41 cubbuu akka ani diina isaanitti te'uu fi gara lafa diina isaaniititti akka ani isaan ari'u goote san yoo faaci'atane, gadhaan isaanii ka jabaate sun laafee, adabbii cubbuu ifii yoo fudhatane,
LEV 26:42 ani gondooroo tiyya ta Yaaqoob, Yisihaqii fi Abrahaamii woliin godhe san hin qaabadha. Lafa sanille hin qaabadha.
LEV 26:43 Isaan lakkisanee waan deemaneef, latti ontee, addee isaan hin jirretti woggoota Sanbata ifiititti hin gammaddi; isaan seera kiyya tuffatanee, seerata kiyya waan jibbaneef adabbii cubbuu ifii hin fudhatan.
LEV 26:44 Te'uu malee, waan kanalle'een, ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef, gondooroo isaan woliin godhe hin diigu; yennaa isaan lafa diina ifii keessa jiranu ijjumaa isaan balleessiisaaf, isaan hin gatu yookiin hin diqadhu.
LEV 26:45 Ani ammoo gondooroo tiyya ta abbootii isaanii, gosi biyya adda addaa adoo dhaggituu, Waaqa isaaniif te'iisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa yennaa isaan baase isaan woliin godhe san, isaaniif jedhee hin qaabadha. Ani Mootii Waan Maraa ti!» jedhe.
LEV 26:46 Kun Seerata, seeraa fi ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti ifii fi kolbaa Israa'elii wodhakka'atti karaa Muuse'eetiin dhaabe.
LEV 27:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
LEV 27:2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko nama ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee kenniisaaf waadaa yoo gale, akka nami sun itti shallagametti, gatiin inni kaffalu,
LEV 27:3 akka madaallii addee woyyitti'iititti dhiira woggaa diddamaa haga woggaa jaatamaatiif meetii giraama dhibba shanii fi torbaatama,
LEV 27:4 dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba sadii fi afurtama,
LEV 27:5 dhiira woggaa shanii haga woggaa diddamaatiif meetii giraama dhibba lamaa fi soddoma, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan,
LEV 27:6 dhiira ji'a tokkoo haga woggaa shaniitiif meetii giraama shantamii torba, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama soddomii afur
LEV 27:7 dhiira woggaa jaatamaa oliitiif meetii giraama dhibba tokkoo fi torbaatamii tokko, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan kaffaluu ti.
LEV 27:8 « ‹Nami waadaa gale sun hiyyeessa te'ee shallaggii san kaffaluu yoo dadhabe, nama kenniisaaf waadaa gale san fuula hayyichaa dura dhikeessuu ti; hayyichille gatii inni kaffaliisaaf dande'utti shallaguu ti.
LEV 27:9 « ‹Wonni inni kenniisaaf waadaa gale sun horii kennansa ana Mootii Waan Maraatiif fudhatama qabu yoo te'e, horiin akkasii ka ana Mootii Waan Maraatiif kenname woyyuu hin te'a.
LEV 27:10 Nami sun kennansa dhikaate san dansaa hama'aan yookiin hamaa dansa'aan hin jijjiirin yookiin bakka hin buusin; horii tokko horii dhibi'iin bakka yoo buuse, horiin sun lamaanuu ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomanuu ti.
LEV 27:11 Wonni inni ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa gale sun horii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ka qulqulluu hin te'in, ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf ka fudhatama hin qanne yoo te'e, horiin sun hayyicha dura dhikaatuu ti.
LEV 27:12 Hayyichi horii san dansaa yookiin badaa te'uu isaa ilaalee shallaguu ti. Achiin duuba shallaggiin sun akkuma hayyichi shallagetti hin teeti.
LEV 27:13 Abbichi horii san wodatiisa yoo barbaade, shallaggii sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti.
LEV 27:14 « ‹Nami tokko mana ifii ana Mootii Waan Maraatiif woyyuu akka te'u yoo adda baase, hayyichi manni sun dansaa yookiin badaa te'uu isaa ilaalee shallaguu ti. Achiin duuba shallaggiin sun akkuma hayyichi shallagetti hin teeti
LEV 27:15 Abbichi mana ifii adda baase sun mana san wodatiisa yoo barbaade, shallaggii sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti. Manni sun deebi'ee ka isaa hin te'a.
LEV 27:16 « ‹Nami tokko lafa maatii ifii irraa dhaale irraa fichaa kutee ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee kennansa yoo dhikeesse, latti sun haga sanyii itti facaafantuutiin shallagantuu ti; sanyiin itti facaafantu garbuu kiiloogiraama dhibba tokko, latti sun meetii giraama dhibba shanii fi torbaatamatti hin shallaganti.
LEV 27:17 Nami sun fichaa ifii san yennaa jila woggaa shantameesso'ootitti adda baasee yoo kenne, shallaggiin sun akkuma hayyichi murteesse sanitti te'a.
LEV 27:18 Inni fichaa ifii san woggaa shantameesso'ootiin duuba yoo kennee jiraate ammoo, hayyichi akka laakkossa woggoota haga jila woggaa shantameesso'oo ta itti aantuutitti woggoota hafaneeranu ilaalee, shallaggii fichaa sanii irraa dhidhisuu ti.
LEV 27:19 Abbichi fichaa ifii kenne sun deebisee wodatiisa yoo barbaade, gatii fichaan itti shallagamee sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti; fichaan sun ka isaa hin te'a.
LEV 27:20 Te'uu malee fichaa san yoo hin wodatin yookiin nama dhibi'itti yoo gurgure deebi'ee fichaa san wodatiisa hin dande'u.
LEV 27:21 Fichaan sun woggaa shantameesso'ootitti yennaa gad lakkifamu, ka woyyoome te'ee, akka fichaa ana Mootii Waan Maraatiif kennamiisaaf murteeffameetitti, qabeenna hayyootaa hin te'a.
LEV 27:22 « ‹Nami tokko fichaa bitate ka lafa maatii ifii irraa dhaale hin te'in, ana Mootii Waan Maraatiif adda yoo baase,
LEV 27:23 hayyichi shallaggii fichaa sanii haga jila woggaa shantameesso'ootitti laakkowee shallaguu ti; namichille akka waan Mootii Waan Maraatiif woyyuu te'eetitti guyyuma san kaffaluu ti.
LEV 27:24 Jila woggaa shantameesso'ootitti fichaan sun abbicha lafaa ka qara inni irraa bite saniif hin deebi'a.
LEV 27:25 Shallaggiin martinuu akka madaallii addee woyyitti'iititti te'uu ti.
LEV 27:26 « ‹Te'uu malee angafi hori'ii duruuyyuu ka ana Mootii Waan Maraa waan te'eef, eennulle angafa hori'ii ana Mootii Waan Maraatiif adda baasuu hin dande'u; angafa jabbii loonii, angafa ilmoolee hoole'ee yookiin re'e'ee te'ulle ka ana Mootii Waan Maraa ti.
LEV 27:27 Horii qulqulluu hin te'in yoo te'e, gatii itti shallagame harka shan keessaa harka tokko itti dabalee wodatuu ti. Inni yoo hin wodatin, gatii itti shallagametti gurguramuu ti.
LEV 27:28 « ‹Wonni ana Mootii Waan Maraatiif kennamiisaaf murteeffame martinuu irra caalaa woyyuu waan teeteef, wonni nami naaf kenniisaaf murteesse horiin, nami, latti maatii ifii irraa inni dhaale tokkolle hin gurguramin yookiin hin wodamin.
LEV 27:29 Namalle yoo te'e hin wodamin; inni ijjeefamuu qaba.
LEV 27:30 «‹Waan latti baachu mara keessaa, midhaan biyyeen baachu yookiin midhaan mukaalle te'u kudhan keessaa tokko ka ana Mootii Waan Maraa ti. Ana Mootii Waan Maraatiifille ka woyyoome.
LEV 27:31 Nami kennansa ifii ka kudhan keessaa tokko kenne san wodatiisa barbaadu, gatii kennansa saniititti, harka shan keessaa harka tokko itti dabalee wodatuu ti.
LEV 27:32 Horii keessaa kudhan keessa tokko, ka laakkowamiisaaf ulee tissitootaa jala dabaranu mara keessaa kudhaneessoon, ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome te'uu ti.
LEV 27:33 Horiin kudhaneesso'oo sun badaa yookiin dansaalle te'u, nami kennu sun hin filin yookiin bakka hin buusin; horii tokko horii dhibi'ii bakka yoo buuse, lamaanuu ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomanuu ti; wodamiisaaf hin dande'anu› jedhi» jedhe.
LEV 27:34 Kun ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti kolbaa Israa'eliitiif karaa Muuse'eetiin kenne.
NUM 1:1 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baatee woggaa lammeesso'ootitti, ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa, goomolee Siina'aa keessatti, Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti Waaqi Muuse'etti dubbate. Inni Muuse'een,
NUM 1:2 «Kolbaa Israa'elii duudii akka gosa gosa isaaniititti, akka maatii maatii isaaniititti dhiira ka te'ane mara laakkowiitii maqaa isaanii galmeessi!
NUM 1:3 Atii fi Aaron kolbaa Israa'elii keessaa dhiira worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loluu dande'anu mara akka kutaa kutaa isaaniititti laakkowa'a!
NUM 1:4 Gosa tokko tokkooyyuu keessaa nami tokko, ka sooressa maatii ifii te'e, isin qarqaaruu ti.
NUM 1:5 Maqaan worra isin qarqaaruu: gosa Ruubenii keessaa, ilma Shiide'urii Eliizur;
NUM 1:6 gosa Shimi'oonii keessaa, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el;
NUM 1:7 gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Aminaadaabii Nahasoon;
NUM 1:8 gosa Yisaakorii keessaa, ilma Zuwaarii Nataani'el;
NUM 1:9 gosa Zebuloonii keessaa, ilma Helonii Eliiyaab;
NUM 1:10 ilmaan Yoseefii gosa Efreemii keessaa, ilma Amiihudii Eliishaama'a; gosa Minaase'ee keessaa, ilma Phedaazurii Gamaali'el;
NUM 1:11 gosa Beniyaaminii keessaa, ilma Giidewonii Abiidaan;
NUM 1:12 gosa Daanii keessaa, ilma Amiishadaayii Ahii'ezer;
NUM 1:13 gosa Aheerii keessaa, ilma Okraanii Fagi'el;
NUM 1:14 gosa Gaadii keessaa, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf;
NUM 1:15 gosa Naftaalemii keessaa, ilma Enaanii Ahiira'a» jedhe.
NUM 1:16 Kolbaa hedduu keessaa, sooressitooti gosa abbootii isaanii ta durii, maatii kolbaa Israa'eliitiif worri mataa te'anee filamane isaan kana.
NUM 1:17 Muuse'ee fi Aaron worra maqaan isaanii dhowame kana fudhatanee,
NUM 1:18 ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa, wolde'a gumi'ii mara wolitti qabanee, dhiira worra woggaa diddamaatii fi diddamaa olii, akka gosaa fi maatii isaaniititti, tokko tokkoon maqaan isaanii galmeessane.
NUM 1:19 Akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Muuseen goomolee Siina'aa keessatti isaan laakkowe.
NUM 1:20 Sanyii Ruubenii ilma angaficha Israa'elii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:21 Gosa Ruubenii keessaa worri laakkowame 46,500.
NUM 1:22 Sanyii Shimi'oonii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu akka gosaa fi maatii isaaniititti maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:23 Gosa Shimi'oonii keessaa worri laakkowame 59,300.
NUM 1:24 Sanyii Gaadii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:25 Gosa Gaadii keessaa worri laakkowame 45,650.
NUM 1:26 Sanyii Yihuda'aa keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:27 Gosa Yihuda'aa keessaa worri laakkowame 74,600.
NUM 1:28 Sanyii Yisaakorii keessa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:29 Gosa Yisaakorii keessaa worri laakkowame 54,400.
NUM 1:30 Sanyii Zebuloonii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:31 Gosa Zebuloonii keessaa worri laakkowame 57,400.
NUM 1:32 Ilmaan Yoseefii keessaa, sanyii Efreemii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:33 Gosa Efreemii keessaa worri laakkowame 40,500.
NUM 1:34 Sanyii Minaase'ee keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:35 Gosa Minaase'ee keessaa worri laakkowame 32,200.
NUM 1:36 Sanyii Beniyaaminii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:37 Gosa Beniyaaminii keessaa worri laakkowame 35,400.
NUM 1:38 Sanyii Daanii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:39 Gosa Daanii keessaa worri laakkowame 62,700.
NUM 1:40 Sanyii Asheerii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:41 Gosa Asheerii keessaa worri laakkowame 41,500.
NUM 1:42 Sanyii Naftaalemii keessaa dhiirti worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu, akka gosaa fi maatii isaaniititti, maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame.
NUM 1:43 Gosa Naftaalemii keessaa worri laakkowame 53,400.
NUM 1:44 Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin Israa'elii kudhanii lamaan maatii ifii bakka bu'anee worri laakkowane isaan kana.
NUM 1:45 Dhiirti Israa'elii worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loliisaaf dande'anu martinuu akka maatii isaaniititti laakkowamane.
NUM 1:46 Worri laakkowame martinuu wolumatti 603,550.
NUM 1:47 Te'uu malee, maatiin gosa Lewwootaa ammoo gosa dhibii woliin hin laakkowanne.
NUM 1:48 Sababille Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 1:49 «Gosa Lewwootaa hin laakkowin yookiin isaan laakkossa Israa'eloota dhibi'iititti hin dabalin!
NUM 1:50 Tanaa mannaa, worra Lewwootaa dunkaanii dhugaa bayaa ta ani itti waaqonfamuu fi meya isii keessaa, waan isi'ii mara irratti itti gaafatantoota isaan godhi. Isaan isi'ii fi meya isi'ii mara ba'atanuu ti; isii keessa tajaajilaa, adaala isi'ii qubatanuu ti.
NUM 1:51 Yennaa dunkaanii dhugaa bayaa buqqisanu, worri Lewwootaa buqqisuu ti; yennaa dhaabanulle worri Lewwootaa dhaabuu ti. Nami dhibiin ka isii bira dhaqe ijjeefamuu ti.
NUM 1:52 Israa'elooti dhibiin golii golii ifiitiin baandiraa ifii biratti dunkaanii dhaabatanee adduma addaan qubatanuu ti.
NUM 1:53 Lewwooti ammoo akka ani Israa'elootatti hin mufanne adaala dunkaanii dhugaa bayaatitti qubatanuu ti. Lewwooti dunkaanii dhugaa bayaa eegiisaaf itti gaafatantoota te'anuu ti» jedhe.
NUM 1:54 Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti godhane.
NUM 2:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
NUM 2:2 «Israa'elooti Dunkaanii Woldeenna'aa irraa fagaatanee, nami tokko tokkooyyuu baandiraa maatii ifii jala, adaala Dunkaanii Woldeenna'aatitti qubatuu ti» jedhe.
NUM 2:3 Ila boru'uu, karaa aduun baatuun, goliin quttuma Yihuda'aa loltoota ifii woliin baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Yihuda'aa, ilma Aminaadaabii Nahasoon.
NUM 2:4 Goliin isaa loltooti laakkowamane 74,600.
NUM 2:5 Gosi Yisaakorii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Yisaakorii, ilma Zuwaarii Nataani'el.
NUM 2:6 Goliin isaa loltooti laakkowamane 54,400.
NUM 2:7 Gosi Zebuloonii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Zebuloonii, ilma Helonii Eliiyaab.
NUM 2:8 Goliin isaa loltooti laakkowamane 57,400.
NUM 2:9 Addee quttumaa ta worra Yihuda'aa keessa akka golii golii isaaniititti akka qubatanu, namooti laakkowamane marti wolumatti 86,400. Worri dursee duula bayu isaan kana.
NUM 2:10 Goliin quttuma Ruubenii gara kibbaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Ruubenii ilma Shiide'urii Eliizur.
NUM 2:11 Goliin isaa loltooti laakkowame 46,500.
NUM 2:12 Gosi Shimi'oonii isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Shimi'oonii, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el.
NUM 2:13 Goliin isaa loltooti laakkowame 59,300.
NUM 2:14 Gosi Gaadii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Gaadii, ilma Dewu'elii Elii'aasaaf.
NUM 2:15 Goliin isaa loltooti laakkowame 45,650.
NUM 2:16 Quttuma Ruubenii keessaa dhiirti loltooti akka golii golii isaaniititti laakkowame wolumatti 151,450. Worri kun lammeessoo te'anee duula hin bayan.
NUM 2:17 Achiin duuba Dunkaaniin Woldeenna'aatii fi goliin Lewwootaa golii worra qaraatii fi golii worra duubaa wodhakkaa deeman. Isaan adduma addaan bayanee akkuma dur addee quttuma ifii jiranuutitti baandiraa ifii qabatanee hin deeman.
NUM 2:18 Goliin gosa Efreemii loltoota ifii woliin karaa aduun seentuun baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi gosa Efreemii, ilma Amiihudii Eliishaama'a.
NUM 2:19 Goliin isaa loltooti laakkowamanee 40,500.
NUM 2:20 Gosi Minaase'ee isaanitti aananee hin qubatan. Sooressi kolbaa Minaase'ee, ilma Phedaazurii Gamaali'el.
NUM 2:21 Goliin isaa loltooti laakkowamane 32,200.
NUM 2:22 Gosi Beniyaaminii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Beniyaaminii, ilma Giidewonii Abiidaan.
NUM 2:23 Goliin isaa loltooti laakkowamane 35,400.
NUM 2:24 Quttuma Efreemii keessaa dhiirti akka golii golii ifiititti laakkowamane wolumatti 108,100. Isaan sadeessoo te'anee duula hin bayan.
NUM 2:25 Goliin quttuma gosa Daanii loltoota ifii woliin gara kaabaatiin, baandiraa ifii jala hin qubatan. Sooressi kolbaa Daanii ilma Amiishadaayii Ahii'ezer.
NUM 2:26 Goliin isaa loltooti laakkowamane 62,700.
NUM 2:27 Gosi Asheerii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Asheerii ilma Okraanii Fagi'el.
NUM 2:28 Goliin isaa loltooti laakkowamane 41,500.
NUM 2:29 Gosi Niftaalemii isaanitti hin aanan. Sooressi kolbaa Niftaalemii, ilma Enaanii Ahiira'a.
NUM 2:30 Goliin isaa loltooti laakkowamane 53,400.
NUM 2:31 Quttuma Daanii keessaa dhiirti akka golii golii isaaniititti worri laakkowamane 157,600. Isaan dhuma irra baandiraa ifii qabatanee hin bayan.
NUM 2:32 Israa'elooti akka maatii maatii isaaniititti, akka golii golii isaaniititti loltooti laakkowamane martinuu wolumatti 603,550.
NUM 2:33 Lewwooti ammoo akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti gosa Israa'elootaa dhibii woliin hin laakkowanne.
NUM 2:34 Maarre Israa'elooti waan mara akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhanee, baandiraa ifii qabatanee, golii golii'ii fi maatii maatii ifii woliin duula bayane.
NUM 3:1 Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti yennaa Muuse'etti dubbate, maatiin Muuse'ee fi Aaronii isaan kana.
NUM 3:2 Ilmaan Aaronii angafichi Naadaab, kuun Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar.
NUM 3:3 Isaan kun worra hayyoota te'anee hujii hayyumma'aa hujiisaaf muudamane.
NUM 3:4 Naadaabii fi Abiihuun goomolee Siina'aatitti ibidda hin ajajaminiin Mootii Waan Maraa duratti ciincaa yennaa dhikeessane du'ane. Isaan ijoollee hin qabanu. Tanaaf Ele'azaarii fi Itaamaar qofatti yennaa abbaan isaanii Aaron jiru hayyoota te'ee tajaajilane.
NUM 3:5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 3:6 «Gosa Lewwi'ii fidiitii, hayyicha Aaron akka qarqaaranuuf fuula isaa duratti dhikeessi.
NUM 3:7 Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa duratti isaa fi wolde'a gumi'ii duudi'iif, hujii dunkaanii dhugaa bayaa hujan.
NUM 3:8 Isaan meya Dunkaanii Woldeenna'aa mara eegaa, hujii dunkaanii dhugaa bayaa keessaalle hujiisaan kolbaa Israa'elii tajaajilan.
NUM 3:9 Lewwooti Israa'eloota keessaa Aaronii fi ilmaan isaatiif waan kennamaneef, ati Aaronii fi ilmaan isaatiif isaan kenni.
NUM 3:10 Aaronii fi ilmaan isaa akka hujii hayyumma'aa hujanuuf ati isaan muudi. Nami dhibiin addee woyyittii bira yoo dhikaate ammoo ijjeefamuu ti» jedhe.
NUM 3:11 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een,
NUM 3:12 «Kunoo ani Israa'eloota keessaa addee ilma angaficha kennansa fudhadhu, Israa'eloota mara keessaa ani Lewwoota fudhadheera. Tanaaf, Lewwooti kiyya.
NUM 3:13 Ani Mootii Waan Maraa ti; angafooti marti kiyya waan te'aneef, ani biyya Gibxi'ii keessatti, angafoota worra Gibxootaa mara yennaa ijjeese, angafoota hori'iitii fi angafoota ijoollee Israa'elootaa mara akka isaan kiyya te'anu filadheera. Tanaaf Lewwooti kiyya te'aneeran» jedhe.
NUM 3:14 Mootiin Waan Maraa goomolee Siina'aa keessatti Muuse'een,
NUM 3:15 «Lewwoota akka maatii maatii isaaniitii fi akka fira isaaniititti, dhiira dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokko olii mara laakkowi» jedhe.
NUM 3:16 Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti isaan laakkowe.
NUM 3:17 Maqaan ilmaan Lewwi'ii Gershoon, Qehaatii fi Meraari.
NUM 3:18 Maqaan ilmaan Gershoonii akka fira fira isaaniititti Liibnii fi Shime'i.
NUM 3:19 Maqaan ilmaan Qehaatii akka fira fira isaaniititti Amraam, Yizhaar, Hebroonii fi Uzii'el.
NUM 3:20 Maqaan ilmaan Meraarii akka fira fira isaaniititti Maahilii fi Mushiis; isaan kun akka fira fira abbootii isaanii ta duriititti maatii Lewwootaa ti.
NUM 3:21 Firri Liibniitii fi shime'ii sanyii Gershoonii ti. Isaan kun fira Gershoonotaa ti.
NUM 3:22 Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii wolumatti 7,500.
NUM 3:23 Firri Gershootaa dunkaanii dhugaa bayaatiin duuba karaa aduun seentu qubatanuu ti.
NUM 3:24 Sooressi fira Gershoonotaa, Eliyaafii ilma Laa'elii ti.
NUM 3:25 Ilmaan Gershoonotaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti dunkaanii dhugaa bayaa, irbuusa isi'ii woliin, gollaa Dunkaanii Woldeenna'aa,
NUM 3:26 gollaa badhinna dalleya keessaa, gollaa badhinna dalleya keessaa ka adaala dunkaanii dhugaa bayaatii fi addee ciinca'aa, wodaroota isi'ii, hujii waan kanaan wol qabatte maraayyuu eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban.
NUM 3:27 Amraam, Yizhaar, Hebroonii fi Uzii'el gosa Qehaatii ti; isaan kun maatii Qehaatii ti.
NUM 3:28 Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii 8,600. Isaan kun addee woyyittii eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban.
NUM 3:29 Firri Qehaatii dunkaanii dhugaa bayaa gara kibbaatitti qabatanuu ti.
NUM 3:30 Sooressi fira Qehaatii, ilma Uzii'elii Elzaafaan.
NUM 3:31 Isaan kun Saanduqa Gondooro'oo, xarapheessaa, waan issaa irra keyanu, addee ciinca'aa, meya addee Woyyitti'ii ka isaan itti fayyadamanu, golla'aa fi hujii waan kanaan wol qabaatte mara eegiisaaf itti gaafatamummaa qaban.
NUM 3:32 Ilmi Aaronii Ele'azaar sooressa bulchaa Lewwootaa ti; inni worra addee Woyyittii eegiisaaf itti gaafatantoota te'ane irratti muudame.
NUM 3:33 Firri Maahiliitii fi Mushii fira Meraarii jala jiran; isaan kun fira Meraarii ti.
NUM 3:34 Laakkossi dhiira isaanii ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii 6,200.
NUM 3:35 Sooressi fira Meraarii ilma Abiihaayilii Zurii'el. Isaan dunkaanii dhugaa bayaa cinaa gara kaabaatiin qubatanuu ti.
NUM 3:36 Ilmaan Meraarii mikikkila dunkaanii dhugaa bayaa, danqaraa, utubaa, miila utuba'aa, hujii waan kanaan wol qabate mara,
NUM 3:37 utubaa badhinna dalleya keessaatitti naannowaneeranu, miila utubooti dhaabbatanu woliin, chikaala'aa fi wodaroo dunkaani'ii eegiisaaf muudamane.
NUM 3:38 Muuseen, Aaronii fi ilmaan isaa dunkaanii dhugaa bayaa san karaa aduun baatuun Dunkaanii Woldeenna'aa dura gara ila boru'uutiin qubatanuu ti. Isaan Israa'eloota bakka bu'anee addee woyyittii eegiisaaf itti gaafatantoota. Nami dhibiin ka itti dhikaate ijjeefamuu ti.
NUM 3:39 Muuse'ee fi Aaron akka Mootiin Waan Maraa isaan ajajetti Lewwoota keessaa akka fira fira isaaniititti worri laakkowane, dhiirti martinuu ta dhalattee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii wolumatti 22,000.
NUM 3:40 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Israa'eloota keessaa dhiira angafa ta ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii mara laakkowiitii, maqaa maqa'aan galmeessi.
NUM 3:41 Ani Mootii Waan Maraa ti; ati addee angafoota Israa'elootaa mara worra Lewwootaa, addee angafoota horii Israa'elootaa mara horii worra Lewwootaa naaf fuudhi» jedhe.
NUM 3:42 Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje Israa'eloota keessaa dhiira angafoota mara laakkowe.
NUM 3:43 Dhiirti angafooti ta ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii ka maqaa maqa'aan galmeeffamane wolumatti 22,273.
NUM 3:44 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbatee,
NUM 3:45 «Ani Mootii Waan Maraa ti. Ati addee angafoota Israa'elootaa mara Lewwoota, addee angafoota horii Israa'elootaa mara angafoota horii Lewwootaa naaf fuudhi. Lewwooti kiyya te'anuu ti.
NUM 3:46 Laakkossi dhiira angafoota Israa'elootaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadiin laakkossa Lewwootaa caalan. Isaan kana wodiisaaf,
NUM 3:47 tokko tokkoo isaaniitiif akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, meetii sheeqelii shan shan fuudhi. Meetiin sheeqeliin tokko geraa diddama.
NUM 3:48 Beesee Israa'eloota irraa fuudhiitii, marroo ilmaan angafoota Israa'elii 273 ka wodamuu qabanuu saniif Aaronii fi ilmaan isaatiif kenni!» jedhe.
NUM 3:49 Maarre Muuseen beesee ilmaan angafoota Israa'elootaa ka laakkossi isaanii Lewwoota caalee ka wodamiisaa san fuudhe.
NUM 3:50 Beeseen inni Israa'eloota worra angafoota te'anee dhalatane irraa fuudhe, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti meetiin tun gara kiiloogiraama 15.5 teeti.
NUM 3:51 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti beesee isaan ittiin wodamane san Aaronii fi ilmaan isaatiif kenne.
NUM 4:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
NUM 4:2 «Lewwoota keessaa ilmaan Qehaatii akka firaa fi maatii maatii isaaniititti,
NUM 4:3 Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhiira dhuttu, ta woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa mara laakkowi.
NUM 4:4 Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti waan irra caalaa woyyuu te'e eegiisa.
NUM 4:5 Israa'elooti yennaa addee quttumaatii godaaniisaaf qophowanu, Aaronii fi ilmaan isaa ol seenanee gollaa Saanduqa Gondooro'oo ta dhugaa bayaa gollu fuudhanee Saanduqa Gondooro'oo sanitti maranuu ti.
NUM 4:6 Achiin duuba gogaa hoolee galaanaa itti uffisanuu ti; woyaa bifi isi'ii guutumatti bifa cuquliisaa teete irra diriirsanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.
NUM 4:7 «Xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu irra woyaa bifa cuquliisaa afanee, gabataa, qorii, muduunu'uu fi kobola kennansa daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu ka worqii irraa hujamane, daabboolle yennaa mara irra keyanuu ti.
NUM 4:8 Woyaa diintuu irra afanee, gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.
NUM 4:9 «Woyaa bifa cuquliisaa teete san fuudhanee, waan issaa irra keyanuu fi ifa isi'ii woliin, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii daadha'aa, meya zayiti'iitii fi meya isi'ii maratti uffisanuu ti.
NUM 4:10 Achiin duuba isaan meya isi'ii mara woliin gogaa hoolee galaanaatiin maranee goongaa ittiin ba'atu irra keyanuu ti.
NUM 4:11 «Addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante irralle woyaa bifa cuquliisaa afanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, muka rare'een ba'atanu ka isi'iille addee isaaniititti galchanuu ti.
NUM 4:12 «Meya addee woyyitti'itti ittiin tajaajilanu mara fuudhanee, woyaa bifa cuquliisaa keessa keyanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, goongaa ittiin ba'atanu irra keyanuu ti.
NUM 4:13 «Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irraa daadhaa haranee, woyaa dhiillee irra afanuu ti.
NUM 4:14 Achiin duuba meya addee ciinca'aatitti ittiin tajaajilanu mara, waan ibidda irratti bobeessanu, filaa foonii, akkaafaa, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irra keyanuu ti. Isaan gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.
NUM 4:15 «Yennaa addee quttumaatii ka'anu, Aaronii fi ilmaan isaa meya woyyichaa fi waan tajaajila kanaaf te'u mara itti uffisaneen duuba, ilmaan Qehaatii dhufanee ba'atanuu ti. Akka hin duune ammoo meya woyyicha san tuquu hin qabanu. Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaana Woldeenna'aatii fi waan Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa ba'atiisa.
NUM 4:16 «Ilmi Aaronii hayyichaa Ele'azaar, zayitii isse'ee, hixaana foolee tolu, kennansa midhaanii ka guyyaa maraa, zayitii muudaa, Dunkaanii Woyyitti'ii fi waan isii keessaa, meya isi'ii keessaa woyyicha mara eegiisaaf itti gaafatamummaa qaba» jedhe.
NUM 4:17 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaronitti dubbatee,
NUM 4:18 «Maatiin Qehaatii, fira Lewwi'ii keessaa hin godhina'a.
NUM 4:19 Qehaatoti waan irra caalaa Woyyuu te'etti dhikaatanee akka hin duune, Aaronii fi ilmaan isaa addee woyyittii seenanee waan isaan godhiisa malanee fi waan isaan ba'atiisa malane itti mudhisanuu ti.
NUM 4:20 Ammoo isaan akka hin duuneef, waan woyyuu san yennaa diqqo'oofille ilaaliisaaf ol hin seenin» jedhe.
NUM 4:21 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 4:22 «Gershoonota akka fira firaa fi maatii maatii isaaniititti laakkowi.
NUM 4:23 Dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ta Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dandeettu mara laakkowi.
NUM 4:24 «Tajaajilli fira Gershoonotaa ka hujiisaatii fi ba'atiisaa ka asii gadii kana:
NUM 4:25 Isaan gollaa dunkaanii dhugaa bayaa, gollaa Dunkaanii Woldeenna'aa, irbuusa isi'iitii fi gogaa hoolee galaanaa ka irbuusa isi'ii gollu, gollaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa,
NUM 4:26 gollaa badhinna dalleya keessaa ka dunkaanii dhugaa bayaatii fi addee ciinca'aa marsu, wodaroota golla'aatii fi meya tajaajila waan kanaa mara ba'atiisa; isaan tajaajila meya kanaaf male mara godhan.
NUM 4:27 Tajaajilli Gershoonotaa marti, ba'aan yookiin hujii dhibii hujiisi akka Aaronii fi ilmaan isaa isaanitti mudhisanetti hujanuu ti; waan isaan ba'atiisaaf itti gaafatamummaa qabanu isin isaanitti hima'a.
NUM 4:28 Hujiin fira Gershoonii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilli isaanii kana. Hujii isaanii ilma Aaronii hayyichaa Itaamaaritti toowata.
NUM 4:29 «Ilmaan Meraarii akka fira firaa fi akka maatii maatii isaaniititti,
NUM 4:30 worra woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa hujiisaaf dande'anu mara laakkowi.
NUM 4:31 Dunkaanii Woldeenna'aa keessa wonni ba'atiisaaf itti gaafatamanu mikikkila dunkaanii dhugaa bayaa, danqaraa isi'ii woliin, utubaa isi'iitii fi miila isiin ittiin dhaabbatu,
NUM 4:32 utubaa badhinna dalleya keessaa ka Dunkaanii Woldeenna'aatitti naannowaneeranu shafee utubooti sun ittiin dhaabbatanu woliin, chikaala dunkaani'ii, wodaroo dunkaani'ii, meya waan kanaa maraa fi waan tajaajila kanaan wol qabate mara ba'atiisa. Nami tokko tokkooyyuu waan inni ba'atiisa male itti himi.
NUM 4:33 Tajaajilli fira Meraarii, toowannaa Itaamaarii ilma Aaronii hayyichaa jalatti, Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti hujanu tana» jedhe.
NUM 4:34 Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin wolde'a gumi'ii, sanyii Qehaatii akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti,
NUM 4:35 dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu mara laakkowane.
NUM 4:36 Laakkossi isaanii akka fira fira isaaniititti 2,750.
NUM 4:37 Isaan kun akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, fira Qehaatotaa mara, worra Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu, ka Muuse'ee fi Aaron laakkowane.
NUM 4:38 Worri Gershoonotaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti,
NUM 4:39 dhiirti woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu marti laakkowamane.
NUM 4:40 Worri akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti laakkowame laakkossi isaanii 2,630.
NUM 4:41 Isaan kun wolumatti fira Gershoonotaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilane. Akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti Muuse'ee fi Aaron isaan laakkowane.
NUM 4:42 Worri Meraarotaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti,
NUM 4:43 dhiirti woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu marti laakkowamane.
NUM 4:44 Worri akka fira fira isaaniititti laakkowame laakkossi isaanii 3,200.
NUM 4:45 Isaan kun wolumatti fira Meraarotaa ti. Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Muuse'ee fi Aaron isaan laakkowane.
NUM 4:46 Maarre Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin wolde'a gumi'ii, sanyii Lewwootaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti,
NUM 4:47 dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka hujii tajaajilaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa ba'atiisaa dande'anu mara laakkowane.
NUM 4:48 Laakkossi isaanii 8,580.
NUM 4:49 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti nami tokko tokkooyyuu, maan akka hujuu fi maan akka ba'atu itti himame. Akka kanaan isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti laakkowamane.
NUM 5:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 5:2 «Israa'elooti nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu, nama nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u, nama reeffa tuqiisaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'in mara addee quttumaa keessaa akka baasanu ajaji.
NUM 5:3 Addee quttumaa ta ani odduu isaanii le'u, akka isaan hin batteessine, worra qulqulluu hin te'in dhiiraa fi dubartii addee quttumaa keessaa alatti baasi» jedhe.
NUM 5:4 Israa'elooti tana godhanee, addee quttuma keessaa alatti isaan baasane. Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhane.
NUM 5:5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 5:6 «Ati Israa'elootaan, ‹Nami tokko dhiirti yookiin dubartiin ana Mootii Waan Maraatiif addatamiisa dhabiisaan nama dhibii yennaa yakke, nami sun yakkaamessa.
NUM 5:7 Inni cubbuu huje san faaci'atuu ti. Yakkaa ifiitiif gatii guutuu kaffaluu ti; harka shan keessaa harka tokko itti dabaleelle, nama yakke saniif kennuu ti.
NUM 5:8 Namichi yakkame sun du'ee firri aanti'ii ka gatii san fuudhu yoo dhabame ammoo, gatiin kaffalamu sun ka ana Mootii Waan Maraa ti; korbeessa hoole'ee ka yakkaa namichi hujeef, gumaa cubbu'uutiif kennamu san woliin hayyichaaf kennamuu ti.
NUM 5:9 Kennansi woyyichi Israa'elooti fiddu marti, hayyichaaf kennamuu ti.
NUM 5:10 Wonni hayyichaaf kenname kama hayyichaa ti› jedhi» jedhe.
NUM 5:11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 5:12 «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Dubartiin takka abbaa manaa ifiitiif addatamuu dhabiisaan
NUM 5:13 nama dhibii woliin yoo ratte, waan kana dhirsi isi'ii ka hin dhaggine yoo te'e, nami isii dhagge yoo hin jiraatin, battummaan isi'iille yoo hin mudhatin,
NUM 5:14 dhirsi isi'ii isii hinaafee mamee, isiin yoo battoottee jiraatte yookiin yoo hin battowin jiraatte,
NUM 5:15 Namichi sun niitii ifii san gara hayyichaa geessuu ti. Marroo isi'iitiif kennansa barbaachisu bullaa garbu'uulle kiiloo tokko geessuu ti. Kennansi kun kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu, ka yakkaa qaabachiisu waan te'eef, inni zayitii ejersaatii fi hixaana itti hin naqin.
NUM 5:16 « ‹Hayyichi dubartii san fidee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti;
NUM 5:17 achiin duuba bisaan woyyicha meya faaraatitti woraabee, dunkaanii dhugaa bayaa keessaa bukuu fuudhee bisaan sanitti naquu ti.
NUM 5:18 Hayyichi mataa dubartitti'ii irraa hagoogguu buusee, kennansa midhaanii ka yakkaa qaabachiisu, ka marroo hinaaffa'aatiif dhikeeffamu, harkatti qabachiisee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti. Harka ifiititti bisaan hadhowaa abaarsa fidu qabatuu ti.
NUM 5:19 Achiin duuba hayyichi, dubartittii san kakachiisiisaan: Ati heerumtee abbaa manaa qadduun, nami dhibiin yoo si woliin hin rafin yookiin ati yoo hin battowin, bisaan hadhowaan abaarsa fidu kun si hin miidhin.
NUM 5:20 Ati ammoo abbaa manaa keeti jala jiraataa isaaf addatamuu dhabiisaan, nama dhibii woliin rattee yoo ifi batteessitee jiraatte,
NUM 5:21 hayyichi, dubartittii san kakuu abaarsaa kakachisiisaan: Mootiin Waan Maraa gadhaa keeti iitessee, gudeeda keeti huqqisee, kolbaa teeti oddu'utti ta abaarante si godhuu ti;
NUM 5:22 bisaan abaarsa fidu kun nafa keeti keessa seenee gadhaa keeti iitessee, gudeeda keeti huqqisuu ti. « ‹Dubartittiille: ameen, ameen jettuu ti.
NUM 5:23 « ‹Hayyichi abaarsa kana kitaaba maramaa irratti barreessee, achiin duuba barreeffama san bisaan hadhowaa san keessatti dhiquu ti.
NUM 5:24 Bisaan hadhowaa abaarsa fidu san obaasuu ti; bisaan abaarsa fidu kun isii keessa seenee dhibee hantuu itti hin fida.
NUM 5:25 Achiin duuba hayyichi kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu san dubartittii san harkaa fuudhee, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosee, gara addee ciinca'aatitti dhikeessuu ti.
NUM 5:26 Achiin duuba hayyichi kennansa midhaanii ka yaadanno'oo san harka tokko fuudhee, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. Saniin duuba inni akka dubartittiin bisaan san untu godhuu ti.
NUM 5:27 Isiin yoo ifi batteessitee abbaa manaa ifiitiif addatamuu dhaddeertu teete, yennaa inni bisaan abaarsa fidu san isii obaasu, bisaan gadhaa isi'ii seenu sun dhibee hantuu isi'itti fidee, gadhaa isi'ii iitessee, gudeeda isi'ii huqqisee, isiin kolbaa ifii oddu'utti ta abaarante hin teeti.
NUM 5:28 Dubartittiin ammoo yoo ifi hin batteessin teete, isiin hin miidhantu ijoolleelle deyuu hin dandeetti.
NUM 5:29 « ‹Seerri marroo hinaaffa'aatiif kenname kana: Dubartittiin adoo abbaa manaa jala jirtuu seera irraa gortee, yoo ifi batteessite,
NUM 5:30 yookiin yaadi hinaaffa'aa abbaa mana isi'iititti dhufee, inni yoo isii hinaafe, hayyichi dubartittii san ana Mootii Waan Maraa dura fiduu ti! Hayyichi akka seera kanaatitti isii irratti muummessuu ti!
NUM 5:31 Abbaan manaa yakkaa akka hin qanne akkasitti hin beekkama; dubartittiin ammoo akka yakkaa ifiititti hin dhaggatti› jedhi!» jedhe.
NUM 6:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 6:2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko dhiirti yookiin dubartiin ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaan, naazireticha te'iisaaf, waadaa yoo gale,
NUM 6:3 daadhii woyni'ii irraa, untoo dhibii ta nama macheessitu irraa ifi eeggatuu ti; daadhii woyni'ii dhangaggoottuu yookiin untoo dhibii nama macheessitu hin unin. Cunfaa midhaan woyni'iille hin unin yookiin midhaan woyni'ii shawwee yookiin gogaa hin nyaatin.
NUM 6:4 Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase mara waan midhaan woyni'ii irraa hujame mara yookiin qollofa woyni'iituu hin nyaatin.
NUM 6:5 « ‹Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaaf waadaa gale mara rifeensa mataa ifii hin quxatin yookiin hin haadatin; haga barri inni ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase muummowutti, inni woyyuu te'uu ti; rifeensa mataa ifii guddifatuu ti.
NUM 6:6 Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase mara reeffa namaatitti hin dhikaatin.
NUM 6:7 Beessisi ana Mootii Waan Maraatiif adda ifi baasiisaa rifeensi mataa isaa irra waan jiruuf, abbaan yookiin haati, obboleessi yookiin obboleettiin isaa yoo du'anelle reeffatti dhikaatiisaan ifi hin batteessin.
NUM 6:8 Bara ifi addaan baase mara inni ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomeera.
NUM 6:9 « ‹Nami tokko dedhuma isa biratti du'ee, rifeensa mataa isaa ka inni ittiin adda baye san yoo batteesse, guyyaa itti qulqulloomu, guyyaa torbeesso'oo rifeensa mataa ifii haadatuu ti.
NUM 6:10 Guyyaa saddeetesso'oo Dunkaanii Woldeenna'aa duratti ilmoolee saphaliisaa lama yookiin maddo'oo lama gara hayyichaa fiduu ti.
NUM 6:11 Inni reeffatti dhikaatiisaan waan cubbameef, hayyichi saphaliisa tokkocha kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatuuf, saphaliisa tokkocha ammoo kennansa gubamuuf dhikeessuu ti. Inni gaafuma san rifeensa mataa ifii deebisee adda baasuu ti.
NUM 6:12 Inni bara ifi adda baase san ana Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsuu ti. Sababa yakka'aatiif korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo fiduu ti. Inni waan battoweef, barri inni duri adda ifi baase ka qaraa sun hin laakkowamu.
NUM 6:13 « ‹Seerri nama barri adda ifi baasiisi isaa dabaree ka asii gad jiru: Inni gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhikeeffamuu ti.
NUM 6:14 Inni achitti kennansa ifii ana Mootii Waan Maraatiif: kennansa gubamuuf korbeessa hoole'ee buruusoo woggaa tokkoo ka fafa hin qanne tokkocha, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu gorontii hoole'ee buruusoo ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne takkattii, kennansa tokkumma'aatiif korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokkocha,
NUM 6:15 kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaan woliin dhikaatanu woliin, akkasuma daabboo uukoo hin qanne kollonjoo tokko, xaltaa bullaa dansa'aa ka zayiti'iin sukkuumamee fi bixee hephellittii uukoo hin qanne ta zayitiin irra dibante dhikeessuu ti.
NUM 6:16 « ‹Hayyichi waan kana maraa fuudhee, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa gubamu,
NUM 6:17 korbeessa hoole'ee ka kennansa tokkumma'aatiif dhikaate san daabboo uukoo hin qanne kollonjoo tokko kennansa ifii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
NUM 6:18 Achiin duuba nami ana Mootii Waan Maraatiif adda baye sun rifeensa mataa ifii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti haadatee, ibidda kennansi tokkumma'aa itti ciinceffamu keessa keyuu ti.
NUM 6:19 « ‹Achiin duuba, foon harka korbeessaa yennaa iffeelame, hayyichi daabboo uukoo hin qanne tokkoo fi bixee hephellittii uukoo hin qanne takkattii kollonjoo keessaa fuudhee, harka isaa keessa keyuu ti.
NUM 6:20 Achiin duuba hayyichi waan kana kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kun martinuu cormi'ii fi luka korbeessaa ka kennansa addaa te'anetti dabalamanee qooda hayyichaa woyyicha te'an. Saniin duuba, nami adda baye sun daadhii woyni'ii unuu hin dande'a.
NUM 6:21 « ‹Seerri nama ana Mootii Waan Maraatiif adda ifi baasiisaaf waadaa galee kana. Ammoo nami ana Mootii Waan Maraatiif adda baye sun waan kenniisaaf male caalaa kenniisaaf yoo waadaa gale, akkuma seera nama ana Mootii Waan Maraatiif adda bayeetitti, waadaa gale san muummessuu ti› jedhi» jedhe.
NUM 6:22 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 6:23 «Ati Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Dubbii asii gad jirtuun ilmaan Israa'elii eebbisa'a:
NUM 6:24 « ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!
NUM 6:25 « ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!
NUM 6:26 « ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.
NUM 6:27 «Maarre isaan maqaa kiyya waamanee kolbaa Israa'elii hin eebbisan, anille isaan hin eebbisa» jedhe.
NUM 7:1 Muuseen yennaa dunkaanii dhugaa bayaa dhaabee fixe, dunkaanii dhugaa bayaatii fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aatii fi meya isi'ii mara zayitii ejersaa muudee woyyoonse.
NUM 7:2 Achiin duuba sooressitooti Israa'elootaa ka worra laakkowameef itti gaafatantoota te'ane sooressitooti maatii maati'ii kennansa kennane.
NUM 7:3 Isaan garreettaa geejjibaa ka itti uffifame jaa fi korommii kudhanii lama, sooreyyiin tokko tokkooyyuu korommii tokko tokko, akkasuma lama lama te'anee, garreettaa geejjibaa tokko tokko kennane; isaan kennansa kana dunkaanii dhugaa bayaa duratti dhikeessane.
NUM 7:4 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 7:5 «Tajaajila Dunkaanii Woldeenna'aatiif kennansa kana sooreyyii irraa fuudhi; Lewwootaaf akkuma hujii isaaniititti isaaniif kenni» jedhe.
NUM 7:6 Maarre Muuseen garreettaa geejjibaatii fi korommii san Lewwootaaf kenne.
NUM 7:7 Inni garreettaa geejjibaa lamaa fi korommii afur akkuma hujii isaaniititti worra Gershooniitiif kenne.
NUM 7:8 Inni garreettaa geejjibaa afurii fi korommii saddeeti karaa ilma Aaronii hayyichaa Itaamaariitiin, akka tajaajila isaaniititti, worra Meraariitiif kenne.
NUM 7:9 Worri Qahaatotaa ammoo meya woyyicha gurmuu ifii irratti waan ba'atanuuf, Muuseen garreettaa geejjibaatii fi korommii isaaniif hin kennine.
NUM 7:10 Addeen ciinca'aa yennaa eebbifantu sooressitootille eebba isi'iitiif kennansa fidanee addee ciinca'aa duratti dhikeessane.
NUM 7:11 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota keessaa eebba addee ciinca'aatiif, guyyuma guyya'atti nami tokko kennansa ifii akka dhikeessu isaanitti himi» jedhe.
NUM 7:12 Guyyaa qaraa kennansa ifii ka dhikeesse gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Aminaadaabii Nahasoon;
NUM 7:13 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:14 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:15 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:16 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:17 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Aminaadaabii Nahasoon dhikeesse.
NUM 7:18 Guyyaa lammeesso'oo sooressi gosa Yisaakorii ilmi Zuwaarii Nataani'el kennansa ifii dhikeesse;
NUM 7:19 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:20 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu,
NUM 7:21 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokkoo fi buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:22 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:23 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Zuwaarii Nataani'el dhikeesse.
NUM 7:24 Guyyaa sadeesso'oo sooressi gosa Zebuloonii ilmi Helonii Eliiyaab kennansa ifii dhikeesse;
NUM 7:25 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:26 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:27 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:28 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:29 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Helonii Eliiyaab dhikeesse.
NUM 7:30 Guyyaa arfeesso'oo sooressi gosa Ruubenii ilmi Shiide'urii Eliizur kennansa ifii dhikeesse;
NUM 7:31 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:32 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:33 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:34 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:35 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Shiide'urii Eliizur dhikeesse.
NUM 7:36 Guyyaa shaneesso'oo sooressi gosa Shimi'oonii ilmi Zuriishadaayii Shiilumii'el kennansa ifii dhikeesse;
NUM 7:37 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:38 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:39 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:40 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:41 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Zuriishadaayii Shiilumii'el dhikeesse.
NUM 7:42 Guyyaa jayeesso'oo sooressi gosa Gaadii ilmi Dewu'elii Elii'aasaaf kennansa ifii dhikeesse;
NUM 7:43 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:44 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:45 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:46 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:47 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Dewu'elii Elii'aasaaf dhikeesse.
NUM 7:48 Guyyaa torbeesso'oo sooressi gosa Efreemii ilmi Amiihudii Eliishaama kennansa ifii dhikeesse.
NUM 7:49 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:50 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:51 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:52 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:53 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Amiihudii Eliishaama dhikeesse.
NUM 7:54 Guyyaa saddeetesso'oo sooressi gosa Minaase'ee ilmi Phedaazurii Gamaali'el kennansa ifii dhikeesse;
NUM 7:55 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:56 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:57 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:58 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:59 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Phedaazurii Gamaali'el dhikeesse.
NUM 7:60 Guyyaa sagaleesso'oo sooressi gosa Beniyaaminii ilmi Gedewoonii Abiidaan kennansa ifii dhikeesse.
NUM 7:61 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:62 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:63 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:64 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:65 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Gedewoonii Abiidaan dhikeesse.
NUM 7:66 Guyyaa kudhaneesso'oo sooressi gosa Daanii ilmi Amiishadaayii Ahii'ezer kennansa ifii dhikeesse.
NUM 7:67 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:68 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:69 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:70 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:71 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Amiishadaayii Ahii'ezer dhikeesse.
NUM 7:72 Guyyaa kudhanii tokkeesso'oo sooressi gosa Asheerii ilmi Okraanii Fagi'el kennansa ifii dhikeesse.
NUM 7:73 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:74 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:75 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:76 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:77 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Okraanii Fagi'el dhikeesse.
NUM 7:78 Guyyaa kudhanii lammeesso'oo sooressi gosa Naftaalemii ilmi Enaanii Ahiira kennansa ifii dhikeesse.
NUM 7:79 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
NUM 7:80 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
NUM 7:81 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
NUM 7:82 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
NUM 7:83 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Enaanii Ahiira dhikeesse.
NUM 7:84 Gaafa addeen ciinca'aa muudante kennansi sooreyyiin Israa'elootaa, eebba isi'iitiif dhikeessane isaan kana: gabataa meetii irraa hujame kudhanii lama, qorii boollittii meetii irraa hujante kudhanii lama, girgiraa worqii hujame kudhanii lama;
NUM 7:85 gabataan meetii irraa hujame sun tokko tokkoon isaatuu sheeqelii dhibbaa fi soddoma, qoriin meetii irraa hujante tokko tokkoon isi'iituu sheeqelii torbaatama madaalan; wolumatti meetiin meya kanaa akka sheeqelii addee woyyitti'iititti sheeqelii kuma lamaa fi dhibba afur madaalti.
NUM 7:86 Girgiraa worqii irraa hujame kudhanii lama ka hixaanaan guutame, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti tokko tokkoon isaaniituu sheeqelii kudhan madaalan; wolumatti worqiin girgiroota kanaa sheeqelii dhibbaa fi diddama madaalti.
NUM 7:87 Kennansa midhaanii ka isaanii woliin wolumatti horiin ciinca'aaf dhikaate dardaroota kudhanii lama, korbeeyyii hoole'ee kudhanii lama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii lama; kennansa araara cubbu'uutiifille korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama.
NUM 7:88 Horiin ciincaa kennansa tokkumma'aatiif dhikaate wolumatti korommii diddamii afur, korbeeyyii hoole'ee jaatama, korbeeyyii re'e'ee jaatama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo jaatama. Kennansi gaafa addeen ciinca'aa muudante, eebba isi'iitiif dhikeessane isaan kana.
NUM 7:89 Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf Dunkaanii Woldeenna'aa yennaa seene, qadaaddaa Saanduqa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan wodhakkaa jiru gubba'aa qoonqoo isatti dubbattu dhage'e. Mootiin Waan Maraa isatti dubbate.
NUM 8:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 8:2 «Ati Aaroniin ‹Issaa torba waan issaa irra keyanu irra yennaa keettu, akka adaala waan issaa irra keyanu duratti ifanu keyi› jedhiin» jedhe.
NUM 8:3 Aaronille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, issaa san waan issaa irra keyanu fuula duratti akka ifanu keye.
NUM 8:4 Wonni issaa irra keyanu akka fakkeenna Mootiin Waan Maraa Muuse'etti mudhisetti jalaa ka'ee haga qaccee isi'ii ta akka daraara'aatitti worqii tumante irraa hujameera.
NUM 8:5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 8:6 «Lewwoota odduu Israa'elootaatii fuudhiitii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqulleessi.
NUM 8:7 Isaan qulqulleessiisaaf, waan asii gad jiru kana godhi: bisaan ittiin qulqulloomanu itti fiffixi; achiin duuba akka isaan rifeensa nafa ifii duudii haadatanee woyaa ifiille dhiqatanee ifi qulqulleeffatanu isaanitti himi.
NUM 8:8 Isaan dardara tokkoo fi kennansa midhaanii bullaa dansaa ta zayiti'iin sukkuumante ka isaan woliin dhikaatanu fidanuu ti; atille araara cubbu'uutiif dardara dhibii tokko fidi.
NUM 8:9 Kolbaa Israa'elii duudii wolitti qabiitii, Dunkaanii Woldeenna'aa duratti Lewwoota dhikeessi!
NUM 8:10 Yennaa ati Lewwoota fuula kiyya duratti dhikeessitu, Israa'elooti harka ifii mataa isaanii irra keyanuu ti!
NUM 8:11 Lewwooti akka hujii tiyya hujanu Aaron Israa'eloota oddu'uu akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti isaan dhikeessuu ti.
NUM 8:12 Lewwooti harka ifii mataa dardara lamaanii san irra keyanuu ti; Aaron dardara tokko kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessee, dardara kaanille Lewwootaaf gumaa cubbu'uu godhiisaaf kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
NUM 8:13 «Worra Lewwootaa Aaronii fi ilmaan isaa dura dhaabbachiisiitii akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti dhikeessi.
NUM 8:14 Karaa kanaan Lewwooti Israa'eloota kaan oddu'uu adda baasi; isaanille kiyya hin te'an.
NUM 8:15 Ati isaan qulqulleessitee akka kennansa tachoofamuu dhikeessiteen duuba, isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf ol seenanuu ti.
NUM 8:16 Israa'eloota keessaa isaan guutumatti naaf kennamaneeran; Israa'eloota mara keessaa angafa addee fudhadhu, Lewwoota fudhadheera.
NUM 8:17 Ani yennaa angafa biyya Gibxi'ii keessaa mara ijjeese, ka worra Israa'elii adda baafadhe; tanaaf, Israa'eloota keessaa dhiira te'ee ka dhalate, angafi namaatii fi hori'iille kiyya.
NUM 8:18 Ani addee ilmaan angafa Israa'elootaa mara fudhadhu, Lewwoota fudhadheera.
NUM 8:19 Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee Israa'elootaa bu'anee akka tajaajilanuuf, Israa'elooti addee woyyitti'itti dhikaatanee balaan akka itti hin buune akka isaaniif araarsanuuf, ani Israa'eloota mara keessaa Lewwoota Aaronii fi ilmaan isaatiif kennansa godhee kenneera» jedhe.
NUM 8:20 Maarre Muuseen, Aaronii fi kolbaan Israa'elii duudiin akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Lewwoota adda baasane.
NUM 8:21 Lewwooti ifi qulqulloonsanee woyaa ifiille dhiqatane; achiin duuba Aaron akka kennansa tachoofamuu Mootii Waan Maraa duratti isaan dhikeessee, isaan qulqulleessiisaaf gumaa cubbu'uu isaaniif tolche.
NUM 8:22 Saniin duuba Lewwooti sooressummaa Aaronii fi ilmaan isaatiin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajila ifii tajaajiliisaaf ol seenane; kolbaan akkuma Mootiin Waan Maraa marroo Lewwootaa Muusee ajajetti waan mara isaaniif goote.
NUM 8:23 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 8:24 «Wonni Lewwoota ilaalu asii gad jira; Dhiirti Lewwootaa ta woggaan isaanii diddamii shaniitii fi achii olii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhufanuu ti;
NUM 8:25 woggaan isaanii shantama yennaa guutte ammoo tajaajila ifii irraa hin foorfatan; achiin duuba hin tajaajilanu.
NUM 8:26 Isaan tajaajila obboleeyyan isaanii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu obboleeyyan ifii qarqaaran malee, ifiif hujii hin hujanu. Akka kanatti itti gaafatamummaa worra Lewwootaa tarree galchita» jedhe.
NUM 9:1 Israa'elooti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba woggaa lammeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo keessa, Mootiin Waan Maraa goomolee Siina'aa keessatti Muuse'etti dubbatee,
NUM 9:2 «Israa'elooti Jila Irra Dabaramaa yennaa isi'ii eeganee jilifatanuu ti.
NUM 9:3 Ji'uma kana guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, dimimmisa galgala yennaa isi'ii eegadha'aatii, akkuma seerataa fi sirna isi'iititti jilifadha'a» jedhe.
NUM 9:4 Maarre Muuseen akka isaan Jila Irra Dabaramaa jilifatanuuf Israa'elootatti hime.
NUM 9:5 Israa'elootille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti ji'a tokkeesso'oo keessa, guyyaa kudhanii arfeesso'oo dimimmisa galgala goomolee Siina'aa keessatti Jila Irra Dabaramaa jilifatane.
NUM 9:6 Isaan keessaa namooti akka aadaa dhugeeffanna'aatitti reeffa namaa tuqiisaan battowane, gaafas worra kaan woliin Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dandeenne; isaan gaafasuma gara Muuse'eetii fi Aaronii dhufanee,
NUM 9:7 «Nuuti reeffa namaa tuqiisaan battoonneerra; garuu Israa'eloota kaan woliin yennaa kennansi kennamu nuuti Mootii Waan Maraatiif kennansa akka hin dhikeessine maaf dhoogganna?» jedhane.
NUM 9:8 Muuseen deebisee, «Mootiin Waan Maraa marroo teessaniif waan jedhu haga dhage'utti, eegadha'a» isaaniin jedhe.
NUM 9:9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 9:10 «Ati Israa'elootaan, ‹Isin keessaa yookiin sanyii teessan keessaa worri reeffa namaa tuqiisaan battowe yoo jiraate yookiin yennaa Jila Irra Dabaramaa karaa fagoo deemiisatti jiru yoo jiraate, Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dande'an.
NUM 9:11 Garuu ji'a lammeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala dimimmisa jilifatanuu ti. Buruusoo korbeessa hoole'ee ka Jila Irra Dabaramaatiif qalame san daabboo uukoo hin qannee fi baala hadhowu woliin nyaatanuu ti.
NUM 9:12 Isaan foon buruusoo korbeessa hoole'ee san haga boruyyaatitti hin hamburatin yookiin lafee isaalle hin cassin. Isaan yennaa Jila Irra Dabaramaa jilifatanu akka sirna Jila Irra Dabaramaatitti jilifatanuu ti.
NUM 9:13 Ammoo nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'ee, karaa adoo hin ideemin Jila Irra Dabaramaa hin jilifatin hafe, kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikeessu yennaa isaatitti waan hin dhikeessiniif, inni kolbaa ifii keessaa bawuu ti. Inni akka cubbuu ifiititti itti hin gaafatama.
NUM 9:14 «‹Alagaan odduu teessan le'u Jila Irra Dabaramaa yoo jilifatuu barbaade, akka seerataa fi sirna Jila Irra Dabaramaatitti jilifatuu ti. Isin worra alaga'aatii fi worra dhalataa biyyaatiif seeraa fi sirna tokkochuma qabaadha'a› jedhi» jedhe.
NUM 9:15 Gaafa dunkaaniin dhugaa bayaa dhaabbatte, duumensi dhufee isii golle. Duumensi sun galgalaa haga ganamaatitti ibidda fakkaataayyu.
NUM 9:16 Gaafa mara akkasuma te'aa ture; duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa golle; inni halkan ibidda fakkaataayyu.
NUM 9:17 Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'u mara Israa'elootille ka'anee deeman; addee duumensi bu'etti isaanille hin qubataniiyyu.
NUM 9:18 Israa'elooti ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'anee deemanee, ajaja Mootii Waan Maraatiin qubatan. Haga duumensi dunkaanii dhugaa bayaa gubbaa jiru, isaan quttumuma san keessa turan.
NUM 9:19 Duumensi dunkaanii dhugaa bayaa irraa adoo hin ka'in guyyaa hedduu yennaa ture, Israa'elooti ajaja Mootii Waan Maraa eegatan malee, ka'anee hin deemanu.
NUM 9:20 Yennaa tokko tokko duumensi guyyaa diqqaa qofa dunkaanii dhugaa bayaa irra tura; isaanille ajaja Mootii Waan Maraatiin addee quttuma ifii turan yookiin ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'anee deeman.
NUM 9:21 Yennaa tokko tokko duumensi sun galgalaa haga ganamaa qofa dunkaanii dhugaa bayaa irra tura; ganama yennaa duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irraa ka'e, isaanille ka'anee deeman. Galgalalle te'u gamanalle duumensi dunkaanii dhugaa bayaa irraa yennaa ka'e mara isaanille ka'anee deeman.
NUM 9:22 Duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irra guyyaa lama yookiin ji'a tokko yookiin yennaa hedduu turulle, Israa'elooti adduma quttumaa turan malee, ka'anee hin deemanu; yennaa duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irraa ka'e ammoo, isaanille ka'anee deeman.
NUM 9:23 Isaan ajaja Mootii Waan Maraatiin qubatan; ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'aneelle deeman; isaan ajaja Mootii Waan Maraa ka karaa Muuse'eetiin kenname hin eegataniiyyu.
NUM 10:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 10:2 «Kolbaa wolitti waamiisaa fi addee quttumaatii ka'anee akka deemanu godhiisaaf meetii tumante irraa tultullaa lama huji.
NUM 10:3 Yennaa tultullaan lamaanuu afuufamanu, kolbaan duudiin seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti, si duratti wolitti qabamanuu ti.
NUM 10:4 Yennaa tultullaan tokkochi callaan afuufamu, sooreyyiin fira kolbaa Israa'elii callaan si duratti wolitti qabamanuu ti.
NUM 10:5 Yennaa tultullaan tokko qoonqoo guddo'oon afuufamu, gosi karaa aduun baatu qabatteertu kaatee ideentuu ti.
NUM 10:6 Yennaa lammeesso'oo, tultullaan yennaa afuufamu, gosi gara kibbaa qubatteertu kaatee ideentuu ti. Guddittee afuufiisi, beessisa ka'anee deemiisaa ti.
NUM 10:7 Kolbaa wolitti qabiisaaf, tultullaa afuufi; ammoo guddittee hin afuufin.
NUM 10:8 «Ilmaan Aaronii hayyooti, tultullaa afuufanuu ti! Kun isiniif, dhaloota dhufuufille seerata bara baraa te'uu ti.
NUM 10:9 Biyya teessan keessatti diinota isin cunqursanu loliisaaf yennaa duultanu, tultullaa guddisa'aatii afuufa'a; achiin duuba ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan biratti hin qaabatantan; diinota keessan jalalle'ee hin baatan.
NUM 10:10 Akkasuma guyyaa gammadaa, yennaa jila beekkantee, yennaa baatii ji'aatitti, tultullaa kana kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa irratti afuufa'a; kun ana Waaqa keessan duratti yaadannoo isiniif hin te'a. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhe.
NUM 10:11 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baateen duuba, woggaa lammeesso'oo, ji'a lammeesso'ootitti, guyyaa diddameesso'oo, duumensi dunkaanii dhugaa bayaa san irraa ka'e.
NUM 10:12 Achiin duuba Israa'elooti goomolee Siina'aatii bayane, haga duumensi goomolee Phaaraanii keessatti dhaabbatutti ka'anee deemane.
NUM 10:13 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajajetti, yennaa jalqabaatiif ka'anee deemane.
NUM 10:14 Goliin quttuma Yihuda'aa loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee dursanee deemane. Ajajaan isaanii ilma Aminaadaabii Nahasoon.
NUM 10:15 Ajajaan loltoota gosa Yisaakorii, ilma Zuwaarii Nataani'el;
NUM 10:16 ajajaan loltoota gosa Zebuloonii, ilma Helonii Eliiyaab.
NUM 10:17 Achiin duuba dunkaaniin dhugaa bayaa buqqaatee, ilmaan Gershootaatii fi Meraarotaa worri dunkaanii dhugaa bayaa ba'ateerulle ka'anee deemane.
NUM 10:18 Itti aananee, goliin quttuma gosa Ruubenii loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee bayane; ajajaan isaanii, ilma Shiide'urii Eliizur.
NUM 10:19 Ajajaan gosa Shimi'oonii, ilma Zuriishadaayii Shiilumii'el.
NUM 10:20 Ajajaan gosa Gaadii ilma Dewu'elii Elii'aasaaf.
NUM 10:21 Achiin duuba Lewwooti fira Qehaatotaa meya woyyicha ba'atanee bayane; adoo isaan quttuma itti aanu hin geyin, dunkaaniin dhugaa bayaa dhaabante.
NUM 10:22 Itti aananee, goliin quttuma gosa Efreemii loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatane bayane; ajajaan isaanii ilma Amiihudii Eliishaama'a.
NUM 10:23 Ajajaan gosa Minaase'ee ilma Phedaazurii Gamaali'el;
NUM 10:24 ajajaan gosa Beniyaamiille ilma Gedewoonii Abiidaan.
NUM 10:25 Dhuma irratti goliin quttuma gosa Daanii ka karaa duubaatiin quttuma maraafuu eedduu te'ane, loltoota ifii woliin baandiraa ifii qabatanee bayane; ajajaan isaanii ilma Amiishadaayii Ahii'ezer.
NUM 10:26 Ajajaan golii gosa Asheerii ilma Okraanii Fagi'el;
NUM 10:27 ajajaan golii gosa Naftaalemiille ilma Enaanii Ahiira'a.
NUM 10:28 Tarreen duulaa ta Israa'elooti golii goli'iin addee quttumaatii ka'anee ittiin deemane akka kana.
NUM 10:29 Muuseen abbaa soddaa ifii ilma Ruubenii Miidiyaantichaa Habaabiin, «Nuuti addee Mootiin Waan Maraa, ‹Ani isiniif hin kenna› jedhe sanitti galiisaaf kaaneerra; atille nu woliin koy; Mootiin Waan Maraa waan dansaa Israa'eliif waadaa waan galeef, nuutille waan dansaa si'iif hin goona» jedhe.
NUM 10:30 Habaab deebisee, «Lakkii, ani hin deemu; ani gara biyya tiyyaatii fi kolbaa tiyyaa deebi'ee deemaara» jedhe.
NUM 10:31 Muuseen ammoo, «Maganne'ee nu biraa hin deebi'in! Goomolee keessa addee nuuti qubatuu dandeennu hin beetta; sooressa kara'aa nu'uuf teeta.
NUM 10:32 Ati yoo nu woliin deente, nuuti waan dansaa Mootiin Waan Maraa nuu kennu san mara si woliin hin qoodanna» jedhe.
NUM 10:33 Maarre kolbaan gaara Mootii Waan Maraa gaara Siina'aatii kaatee guyyaa sad ideente. Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa addee isaan itti qubatanu isaaniif barbaadiisaaf guyyaa sadiin san isaaniin dura deeme.
NUM 10:34 Yennaa isaan addee quttumaatii ka'anu, duumensi Mootii Waan Maraa guyyaa isaaniin gubbaarra deeme.
NUM 10:35 Yennaa Saanduqi Gondooro'oo ka'ee deemu mara Muuseen, «Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Diinoti keeti bittinnowanuu ti; nyaaphoti keeti si duraa baqatanuu ti» jedhaayyu.
NUM 10:36 Yennaa Saanduqi Gondooro'oo dhaabbatu mara Muuseen, «Ee Mootii Waan Maraa! Gara Israa'eloota kuma heddu'uu deebi'i» jedhaayyu.
NUM 11:1 Kolbaan marroo rakkoo ifiitiif Mootii Waan Maraa irratti gungumiisa jalqadde. Mootiin Waan Maraa yennaa gungunsuu isaanii dhage'e, guddoo aare. Achiin duuba ibiddi Mootii Waan Maraa biraa odduu isaaniititti bobe'ee, quttuma isaanii mogguu takkaa gubee muxuqi godhe.
NUM 11:2 Yennaa kolbaan gara Muuse'ee iyyite, inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, ibiddille dhaame.
NUM 11:3 Ibiddi Mootii Waan Maraa odduu isaaniititti waan bobe'eef, maqaan addee sanii «Tabeeraa» jedhamee moggaafame.
NUM 11:4 Worri biyya ormaa gariin ka Israa'eloota woliin jiranu, sagalee dhibii guddoo dharra'ane; Israa'elootille gungumanee, «Foon nyaannu adoo dhaggannee!
NUM 11:5 Nuuti biyya Gibxi'ii keessatti gatii malee, qurxummii nyaannu, baaqulaa, waan baaqulaa fakkaatu ka dheedhii nyaatanu, waan goodarree fakkaatu, shunkurti'ii fi qullubbii qaabanne;
NUM 11:6 amma ammoo halchaan nyaataa nurraa baddeerti; mannaa tana malee, waan tokkolle hin dhagginu» jedhane.
NUM 11:7 Mannaan waan midhaan dinbilaalaa fakkaatee, akka ceem'aa jiru.
NUM 11:8 Kolbaan asii fi achi deentee qoccee, daaku'utti daatti yookiin mooyye'etti tunti. Achiin duuba isaan okkote'etti iffeelan yookiin bixee hephellittii bixisan. Mi'aan isi'iille akka bixee zayitii ejersaatiin bixifantee ti.
NUM 11:9 Halkan fixeensi addee quttumaatitti yennaa bu'u, mannaan sun fixeensa woliin bu'a.
NUM 11:10 Kolbaan akka maatii maatii ifiititti, seensuma dunkaanii ifii duratti gungumanuun Muuseen dhage'e. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa guddoo aare; Muuseelle akka malee gaddee,
NUM 11:11 Mootii Waan Maraatiin, «Maaniif rakkinna kana ana tajaajilaa keeti irratti fidde? Ani dokonkora maan hujee, ati ba'aa kolbaa tana maraa natti feete?
NUM 11:12 Natti kolbaa tana mara ulfoyee deye moo? Ati maaniif, ‹Akka guddifattuu annuu habbaarattuu, isaan habbaaradhuutii biyya ani abbootii isaaniitiif kaku'uun waadaa galetti isaan galchi› naan jette?
NUM 11:13 Isaan, ‹Foon nyaannu nuu kenni› jedhaa gara kiyya dhufanee natti bowan; isaan kana maraaf ani foon eessaa fuudha ree?
NUM 11:14 Kolbaan tun akka ba'aa guddo'oo waan natti ulfaattuuf, ani qofii tiyya kolbaa tana mara ba'atiisa hin dande'u.
NUM 11:15 Ati akkana yoo na gootu teete, ammuma ana ijjeesi! Ani si duratti fudhatama dhaggadhee yoo jiraadhe, farra na hin dhaggisiisin» jedhe.
NUM 11:16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een «Maanguddoo Israa'elii keessaa worra sooreyyi'ii fi qondaaltota kolba'aa te'uu isaanii beettu, nama torbaatama wolitti naa qabi. Akka isaan achi si bira dhaabbatanu gara Dunkaanii Woldeenna'aa fidi.
NUM 11:17 Ani dhufee achitti si woliin hin dubbadha; Ayyaana si irra jiru irraa qoodee isaan irra hin keya; ati qofii teeti akka hin ba'anne isaanille ba'aa kolba'aa si hin qarqaaran» jedhe.
NUM 11:18 Ati ammalle kolba'aan, «Ka isin, ‹Biyya Gibxi'ii keessatti nutti toleeraayyu! Foon nyaannu adoo dhaggannee!› jettanee boottane Mootiin Waan Maraa dhage'eera; amma foon hin nyaataniitii, boruuf ifi woyyoonsa'a! Inni foon isiniif hin kenna; isinille foon hin nyaatan.
NUM 11:19 Isin guyyaa tokko yookiin guyyaa lama yookiin guyyaa shan, guyyaa kudhan yookiin guyyaa diddama qofa hin nyaattanu;
NUM 11:20 Ammoo isin Mootii Waan Maraa ka odduu teessan jiru jibbitanee, ‹Maaf biyya Gibxi'iitii baane?› jettanee waan isatti gunguntaneef, ji'a tokko guutuu, haga funnaaniin isin dhufutti, haga diqattanutti hin nyaattan» jedhi.
NUM 11:21 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraatiin, «Kunoo kolbaan na woliin jirtu, ta ati, ‹Ji'a guutuu foon isaaniif hin kenna› jettu, laakkossi loltoota miilaa 600,000.
NUM 11:22 Adoo hoole'ee fi re'een, loonille karri duudiin isaaniif qalamanelle'ee isaan hin geyaa? Qurxummiin abbaayaa keessaa duudiin isaaniif yoo wolitti qabanelle isaan hin geettii?» jedhe.
NUM 11:23 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Harki kiyya gabaaba'aa ree? Jechi kiyya akka te'uu fi hin teene ammuma hin dhaggita» jedhe.
NUM 11:24 Maarre Muuseen gad bayee waan Mootiin Waan Maraa jedhe kolba'atti hime. Inni maanguddoota torbaatama adaala dunkaani'iititti wolitti qabee dhaabbachiise.
NUM 11:25 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa duumensa keessa gad dhufee Muuse'etti dubbate. Inni Ayyaana Muuseen qabu irraa qoodee maanguddoota torbaatamaaf kenne. Yennaa Ayyaanni isaan irratti bu'e raaga dubbatane; ammoo itti deebi'anee raaga hin dubbanne.
NUM 11:26 Maanguddoota torbaatama san keessaa lamaan Eldaadii fi Medaad, addee quttumaatitti hafane malee gara dunkaani'ii hin dhandhe. Te'uu malee, achuma addee quttumaa san keessatti Ayyaanni irratti bu'ee raaga dubbatane.
NUM 11:27 Dargaggeessi tokko gara Muuse'ee rukkisee, «Eldaadii fi Medaad addee quttumaa keessatti raaga dubbatiisatti jiran» jedhee itti hime.
NUM 11:28 Achiin duuba ilmi Nunii Iyaasuun, ka ijoollummaa ifiitii jalqabee qarqaraa Muuse'ee te'e, «Goottaa kiyya Muuse'e! Isaan dhooggi!» jedheen.
NUM 11:29 Muuseen ammoo deebisee, «Ati naaf jettee hinaafaartaa? Kolbaan Mootii Waan Maraa martinuu adoo raagota te'anee, Mootiin Waan Maraa adoo Ayyaana ifii isaan irratti buusee, ani hin jaaladha!» jedhe.
NUM 11:30 Achiin duuba Muuse'ee fi maanguddooti Israa'elii sun gara addee quttumaa deebi'ane.
NUM 11:31 Dedhuma Mootiin Waan Maraa qilleensa ergee abbaayaa irraa barbadi-kille oofee gara addee quttumaa fide; barbadi-killeen sun lafa irraa meetira tokkoo tuulamanee, addee quttumaatii fi adaala addee quttumaa san maddii maraanuu, haga ideensa guyyaa tokkoo guutane.
NUM 11:32 Maarre kolbaan guyyaa sanii fi halkan san guutuu, guyyaa itti aanulle guutuu, barbadi-killee san qabatane; nami homerii kudhanii gad wolitti qabate hin jiru. Isaan goffatiisaaf adaala addee quttumaa san duudi'itti afane.
NUM 11:33 Ammoo foon san adoo nyaatiisatti jiranuu, Mootiin Waan Maraa kolba'atti aaree, balaa guddaa isaanitti fide.
NUM 11:34 Tanaaf, worra sagalee dhibii dharra'e waan achitti awwaalaneef, maqaa addee sanii «Qibrot-Hatawaa» jedhane.
NUM 11:35 Kolbaan Qirot-Hatawa'aa kaatee, Haseroot dhaxxee qubate.
NUM 12:1 Muuseen intala worra Itoophiya'aa waan fuudheef, Miiryaamii fi Aaron isa irratti ka'anee,
NUM 12:2 «Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'ee qofaan dubbateeraa? Inni karaa keennalle'een dubbateeraa motii?» jedhane. Mootiin Waan Maraa waan isaan jedhane dhage'e.
NUM 12:3 Muuseen namoota lafa irra jiranu mara caalaa, gadhi-laafessa.
NUM 12:4 Dedhuma Mootiin Waan Maraa Muuse'een, Aaronii fi Miiryaamiin, «Isin sadiinuu gara Dunkaanii Woldeenna'aa kowaa» jedhe. Maarre isaan sadiinuu dhaqane.
NUM 12:5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa utubaa duumensa keessa gad bu'ee, seensuma dunkaani'ii irra dhaabbatee, Aaronii fi Miiryaam waame. Isaan lamaanuu gara duraa yennaa dhufane,
NUM 12:6 inni isaaniin, «Amma jecha kiyya dhage'a'a! Raagaan tokko odduu teessan yoo jiraate, ani mudhi'iin isatti ifi mudhisa; oojjuulle'een isatti hin dubbadha.
NUM 12:7 Muusee tajaajilaa kiyya woliin ammoo akkas hin dubbadhu; inni mana kiyya mara keessatti addatama'a.
NUM 12:8 Ani isa woliin ifatti, fuula duratti dubbadha malee, hiibbo'oonii moti; inni akka akki kiyya jiruuyyuu hin dhagga! Isin attam tajaajilaa kiyya Muusee irratti dubbatiisa sodaatuu dhaddane?» jedhe.
NUM 12:9 Mootiin Waan Maraa guddoo isaanitti aaree isaan biraa deeme.
NUM 12:10 Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'e, Miiryaamiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabantee adii akka dhakaa bokkeyaa teete. Aaron garagalee Miiryaam yennaa ilaale, isiin dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabanteertuun dhagge.
NUM 12:11 Achiin duuba Aaron Muuse'een, «Maganne'e, goottaa kiyya, cubbuu nuuti gowwumma'aan hunye tana nutti hin laakkowin.
NUM 12:12 Akka finna adoo hin dhalatin du'ee, shamiisatti jiruun gadaamessa haadhaa keessaa bayuu, isii hin tolchin» jedhe.
NUM 12:13 Maarre Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ee, Waaqa, isii fayyis!» jedhe.
NUM 12:14 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Abbaan isi'iituu fuula isi'iititti yoo tufe, isiin guyyaa torba hin fokkifattii motii? Maarre isiin guyyaa torba addee quttumaatii baatuu ti; achiin duuba deebi'uu hin dandeetti» jedhe.
NUM 12:15 Maarre Miiryaam addee quttumaatii baatee guyyaa torba turte; haga isiin deebitutti kolbaalle addee quttumaatii hin tachoone.
NUM 12:16 Achiin duuba kolbaan sun Haserootii kaatee goomolee Phaaraanii keessa qubatte.
NUM 13:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 13:2 «Lafa Kana'aanii ta ani Israa'elootaaf kennu san dhaqanee akka dooyanuuf, gosa Israa'elii kudhanii lamaanuu keessaa sooressa tokko tokko filii ergi» jedhe.
NUM 13:3 Maarre Muuseen akka ajaja Mootii Waan Maraatitti goomolee lafa Phaaraanii keessaa isaan erge; isaan martinuu sooreyyii Israa'elootaa ti.
NUM 13:4 Maqaan isaanii ka asii gad jiru kana: Gosa Ruubenii keessaa, Shamaa'uu ilma Zaakurii ti;
NUM 13:5 gosa Shimi'oonii keessaa, Shaafaatii ilma Horii ti;
NUM 13:6 gosa Yihuda'aa keessa, Kaalebii ilma Yofunee ti;
NUM 13:7 gosa Yisaakorii keessaa, Yigaalii ilma Yoseefii ti;
NUM 13:8 gosa Efreemii keessaa, Hose'aa ilma Nunii ti;
NUM 13:9 gosa Beniyaaminii keessaa, Phaaltii ilma Raafuu ti;
NUM 13:10 gosa Zebuloonii keessaa, Gaadi'elii ilma Sodii ti;
NUM 13:11 gosa Minaase'ee gosa Yoseefii keessaa, Gadii ilma Susii ti;
NUM 13:12 gosa Daanii keessaa, Amii'elii ilma Gemaalii ti;
NUM 13:13 gosa Asheerii keessaa, Sexurii ilma Mikaa'elii ti;
NUM 13:14 gosa Naftaalemii keessaa, Nahibii ilma Wofsii ti;
NUM 13:15 gosa Gaadii keessaa, Gewu'elii ilma Maakii ti.
NUM 13:16 Maqaan namoota Muuseen akka dhaqanee lafa san dooyanuuf erge isaan kana; Muuseen Hose'aa ilma Nuii, «Iyaasuu» jedhee maqaa moggaase.
NUM 13:17 Muuseen lafa Kana'aanii akka dooyanuuf yennaa isaan erge, «Karaa kibba Kana'aaniitiin gara biyya koobitti'ii ol baya'aatii,
NUM 13:18 latti sun attam akka jirtu, kolbaan achi keessaa jajjadduu yookiin dadhadduu, hedduu yookiin diqqoo akka teete,
NUM 13:19 latti isaan keessa le'anu dansaa yookiin badduu akka teete, qachaan isaan keessa le'anu ka dalleya hin qanne yookiin ka dalleya dhaka'aa qabu akka te'e,
NUM 13:20 lattille jiituu yookiin godduu akka teete, muki akka irra jiruu fi hin jirre ilaala'a. Itti jabaadha'aatii, midhaan lafa sanii keessaa garii fida'a» jedhe. Yennaan sun yennaa midhaan woyni'ii ka qaraa bilchaatu.
NUM 13:21 Maarre isaanille ol bayanee goomolee Ziiniitii kaasane haga Rehoobii, ta seensuma qachaa Haamaatitti dhikoo jirtuu dooyane.
NUM 13:22 Isaan karaa Negebiitiin, addee sanyiin Aanaaqotaa gosi Ahimaanii, gosi Sheshaayiitii fi gosi Talmaayii le'anu gara Hebroonii dhufane. Hebroon qachaan biyya Gibxi'ii keessaa Zo'aan adoo hin ijaaraminiin dura woggaa torbaan dura ijaarante.
NUM 13:23 Isaan dhooqa Eshikolii yennaa geyane, unkuruura midhaan woyni'ii muranee, wodhakkaa isaan lamaaniititti danqaraa irra keyanee gurmuu irratti ba'atanee, midhaan muka Rumaaniitii fi harru'uu woliin fidane.
NUM 13:24 Israa'elooti unkuruura midhaan woyni'ii achii waan murataneef, addee san, «Dhooqa Eshikolii» jedhanee moggaasane.
NUM 13:25 Isaan guyyaa afurtamaaf lafa san dooyanee deebi'anee,
NUM 13:26 Qaadeshitti goomolee Phaaraanii keessatti gara Muuse'ee, gara Aaroniitii fi gara kolbaa Israa'elii duudi'ii dhufanee waan dhaggane wolde'a duudi'itti himanee, midhaan lafa saniille isaanitti mudhisane.
NUM 13:27 Isaan Muuse'een, «Nuuti lafa ati itti nu ergite san dhandheerra; isiin lafa aananii fi dammaa ti; midhaan lafa saniille kunoo ti.
NUM 13:28 Garuu kolbaan lafa san keessa leetu jajjaddu'u; qachooti isaaniille akka malee gugurdaa ka dalleya dhaka'aa qabanu; nuuti sanyii Aanaaqotaalle achitti dhaggineerra.
NUM 13:29 Worri Amaaleqootaa lafa kibba Kana'aanii keessa le'an; worri Heetotaa, worri Yibusootaatii fi Amoorotaa biyya Koobittii keessa le'an; worri Kana'aanotaa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aatii fi laga Yordaanosii le'an» jedhane.
NUM 13:30 Achiin duuba Kaaleb kolbaa Muusee duratti cadhisiisee, «Nuuti isaan injifatiisa waan dandeennuuf, ammuma dhandhee lafa san qabannuu ti» jedhe.
NUM 13:31 Namooti Kaaleb woliin dhaqane ammoo, «Isaan nu caalaa worra jajjaba waan te'aneef, nuuti isaan loliisaaf hin dandeennu» jedhane.
NUM 13:32 Maarre isaan marroo lafa dhaqanee dooyanee oduu gadhee odeessanee, «Latti nuuti dhandhee dooyanne sun, lafa worra isii keessa le'iisaaf dhaqu fixxu; kolbaan nuuti achitti dhaggine martinuu dhedheertu'u.
NUM 13:33 Nuuti achitti namoota hojja'aa fi hunnaan nama caalanu sanyii Aanaaqotaa Nefiliim dhaggineerra; nuuti yennaa ifi ilaallu korophiisa ifitti fakkaanne; isaanille'etti akkasuma fakkaanne» jedhane.
NUM 14:1 Halkan san guutuu kolbaan duudiin qoonqoo ol qabattee bootte.
NUM 14:2 Israa'elooti marti Muuse'ee fi Aaron irratti gungumanee, wolde'i marti isaaniin, «Biyya Gibxi'ii keessatti yookiin as goomolee keessatti adoo dhumannee jiraannee nuu woyyaayyu!
NUM 14:3 Mootiin Waan Maraa maaniif akka shallaaga'aan dhumannu lafa tana nu fide? Dubartooti teennaa fi ijoolleen teenna hin fudhatan. Gara biyya Gibxi'ii deebi'uu nuu hin woyyuu?» jedhane.
NUM 14:4 Maarre isaan, «Kowa'a, sooressa filannee, gara biyya Gibxi'ii deebinaa!» woliin jedhane.
NUM 14:5 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron wolde'a kolbaa Israa'elii mara duratti fuulaan lafatti gad gombifamane.
NUM 14:6 Worra lafa dooyane san keessaa lamaan, ilmi Nunii Iyaasu'uu fi ilmi Yofune'ee Kaaleb gaddanee woyaa ifi irratti tarsaasanee,
NUM 14:7 Wolde'a kolbaa Israa'elii duudi'iin, «Latti nuuti dooyiisaaf keessa ideenne guddoo dansa'a.
NUM 14:8 Mootiin Waan Maraa yoo nutti gammade, lafa aananii fi dammaa tana nuuf kennee itti nu hin galcha.
NUM 14:9 Isin callaan Mootii Waan Maraa irratti hin ka'inaa malee, nuuti akka daabbo'oo isaan waan liqinsinuuf, kolbaa biyya sanii hin sodaatina'a. Gaaddisi isaanii isaan irraa deemeera; nu woliin ammoo Mootiin Waan Maraa hin jira; isaan hin sodaatina'a» jedhane.
NUM 14:10 Ammoo wolde'i sun duudiin dhaka'aan isaan tumiisaaf dudubbatane. Achiin duuba dedhuma ulfinni Mootii Waan Maraa Dunkaanii Woldeenna'aatitti Israa'eloota maratti mudhate.
NUM 14:11 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kolbaan tun haga Yoomii na tuffatti? Adoo ani bilbaasa odduu isaaniititti tolchiisatti jiruu, haga yoomii natti dhugeeffatuu didan?
NUM 14:12 Ani balaa itti buusee isaan hin balleessa; si ammoo kolbaa isaan caaltuu fi isaan caalaa jabaattuuf abbaa hin godha» jedhe.
NUM 14:13 Muuseen ammoo Mootii Waan Maraatiin, «Ati hunna teetiin kolbaa tana biyya Gibxi'ii keessaa waan baatteef, Worri biyya Gibxi'ii waan ati kolbaa tana goote hin dhage'an.
NUM 14:14 Worra lafa tana keessa le'utti hin himan. Ee Mootii Waan Maraa, ati fuula duratti mudhattee, kolbaa tana odduu akka jirtu, duumensi keeti isaaniin gubbaa akka jiru, ati guyyaa utubaa duumensaatiin, halkan utubaa ibiddaatiin isaaniin dura akka ideente duruu dhage'aneeran.
NUM 14:15 Ati amma yennuma tokkotti kolbaa tana duudii yoo ijjeette, gosi biyya adda addaa ta gurra keeti dhageetteertu,
NUM 14:16 ‹Mootiin Waan Maraa kolbaa tana biyya isi'iif kenniisaaf kaku'uun waadaa galetti galchuu waan dadhabeef, goomolee keessatti fixe› hin jedhan.
NUM 14:17 Tanaaf, amma Mootii Waan Maraa, hunna teeti nutti mudhisi. Ati dur,
NUM 14:18 ‹Ani Mootiin Waan Maraa aariisaaf hin ariifadhu; jaalalli kiyya ka bara baraa gudda'a; cubbu'uu fi irra-dabara namaaf hin lakkisa; te'uu malee, yakkaamessa adoo hin adabin hin lakkisu; ijoollee sababa yakkaa abbooti'iitiif haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba› jetteerta.
NUM 14:19 Ammalle akka jaalala keeti guddaa ka bara baraatitti, akkuma yennaa isaan biyya Gibxi'iitii ka'anee jalqaddee haga ammaatitti isaaniif ossatte, kolbaa tana cubbuu isaanii isaaniif araaram» jedhe.
NUM 14:20 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Akkuma ati daadimattetti, anille isaaniif araarameera.
NUM 14:21 Te'uu malee ani jiraataa ulfinni kiyya lafa duudii guutu waan te'eef,
NUM 14:22 namoota ulfinna kiyyaa fi bilbaasa adda addaa ka ani biyya Gibxi'iitii fi goomolee keessatti mudhise dhagganee naaf ajajamuu didanee, yennaa hedduu haga na ilaalane kana keessaa nami tokkolle,
NUM 14:23 lafa ani abbootii isaaniitiif kaku'uun waadaa gale san ijjumaa hin dhaggu. Worra na tuffate keessaa nami tokkolle ijjumaa isii hin dhaggu.
NUM 14:24 Ammoo tajaajilaan kiyya Kaaleb ilaalcha adda te'e waan qabuu fi gadhaa tokkochaan waan na hordofeef, lafa inni dhaqee dooye sanitti isa hin galcha; sanyiin isaalle lafa san hin dhaalti.
NUM 14:25 Worri Amaaleqootaatii fi worri Kana'aanotaa dhooqa keessa waan le'anuuf, boru deebi'a'aatii karaa abbaayaa diintu'uutiin gara goomole'ee deema'a» jedhe.
NUM 14:26 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
NUM 14:27 «Haga yoomii kolbaan jallaamettiin tun na irratti gungunti? Ani gungunsuu Israa'elootaa tana dhage'eera.
NUM 14:28 Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani jiraata'a; waan isin dubbattanuun dhage'e, akkuma isin jettane isin irratti hin godha.
NUM 14:29 Isin worri laakkowantane, akka laakkossa keessan maraatitti worri woggaan teessan woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii, worri na irratti gunguntane, as lafa goomole'ee tana keessatti hin dhumattan.
NUM 14:30 Kaalebii ilma Yofune'eetii fi Iyaasuu ilma Nunii malee, akka isin itti galtanee leetanu lafa waadaa isiniif galetti, isin keessaa nami tokkolle itti hin galu.
NUM 14:31 Ijoollee teessan ta isin hin fudhataman jettanu, ani ammoo, lafa isin tuffatane sanitti akka isaan gammadanu isaan itti hin galcha.
NUM 14:32 Isin ammoo dhumattanee reeffi keessa goomolee tana keessatti hin hafa.
NUM 14:33 Ijoolleen teessan woggaa afurtama goomolee tana keessa tissitoota hin te'an; haga marti keessan duutanee dhumattanutti, sababa dhugeeffannaa dhabiisa keessaniitiif achitti hin rakkatan.
NUM 14:34 Akkuma guyyaa afurtama lafa san dooyiisa irratti fixxane, akkasuma guyyaan tokko woggaa tokkotti laakkowamee, woggaa afurtamaaf cubbuu teessaniif hin rakkattan. Yennaa san isin irratti ka'iisa kiyya hin beettan.
NUM 14:35 Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera; kolbaa jallaamettii wolii galtee na irratti kaate tana irratti tana hin fida; isaan goomolee tana keessatti du'anee, hin hobba'an jedha› jedhi» jedhe.
NUM 14:36 Namooti Muuseen akka lafa san dhaqanee dooyanuuf erginaan, achii deebi'anee marroo biyya sanii oduu gadhee kolba'atti odeessanee akka kolbaan Muusee irratti gunguntu godhane,
NUM 14:37 marroo lafa sanii oduu gadhee waan odeessaneef, balaan itti bu'ee Mootii Waan Maraa duratti du'ane.
NUM 14:38 Namoota lafa san dooyiisaaf dhaqane keessaa, Iyaasuu ilma Nuniitii fi Kaalebii ilma Yofune'ee qofatti hafe.
NUM 14:39 Muuseen waan kana Israa'eloota maratti yennaa hime, isaan laaleffatanee bowane.
NUM 14:40 Isaan boruyyaa ganama ka'anee biyya koobittii qaccee gaaraatitti ol bayanee, «Nuuti cubbuu hunyeerra; garuu gara addee Mootiin Waan Maraa waadaa nuu galee ol hin baana» jedhane.
NUM 14:41 Muuseen ammoo, «Isin ammalle maaf ajaja Mootii Waan Maraatiif ajajamuu diddan? Tun isiniif hin teetu.
NUM 14:42 Mootiin Waan Maraa waan isin woliin hin jirreef ol hin bayina'a. Diinoti keessan isin hin injifatan.
NUM 14:43 Worri Amaaleqootaatii fi worri Kana'aanotaa achitti isinitti hin dhufan; sababa isin Mootii Waan Maraa irraa fagaattanee innille isin woliin hin jirreef, shallaaga'aan hin dhumattan» jedhe.
NUM 14:44 Te'uu malee, isaan gara gaara biyya koobitti'ii ol bayiisumatti gamane. Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraatii fi Muuseen ammoo addee quttumaa lakkisanee hin kaane.
NUM 14:45 Achiin duuba worri Amaaleqootaatii fi worri Kana'aanotaa ka biyya koobittii san keessa le'anu gad dhufanee, isaan lolanee, haga Horma'aa gad isaan ari'ane.
NUM 15:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 15:2 «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa akka isin keessa leetanuuf ani isiniif kennutti yennaa galtane,
NUM 15:3 kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aafille, waadaa addaa yookiin kennansa fedhii teessanii yookiin kennansa guyyaa jilaa loon keessaa yookiin hoolee keessaa kennansa foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godha'aatii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
NUM 15:4 Nami kennansa ifii dhikeessu kennansa midhaanii bullaa dansaa gara kiiloogiraama tokkoo, ta zayitii ejersaa gara litirii tokkootiin sukkuumante ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
NUM 15:5 Buruusoo hoole'ee ta kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aaf dhikaattu tokko tokkooyyuu woliin kennansa daadhii woyni'ii gara litirii tokkoo dhikeessuu ti.
NUM 15:6 Korbeessa hoole'ee woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaa gara litirii tokkoo fi wodhakka'aatiin sukkuumante dhikeessuu ti.
NUM 15:7 Daadhii woyni'ii gara litirii tokkoo fi wodhakkaa ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittulle dhikeessuu ti.
NUM 15:8 Kennansa gubamuuf yookiin ciinca'aaf, kennansa addaa yookiin kennansa tokkumma'aa dardara tokko ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessu,
NUM 15:9 dardara san woliin kennansa midhaanii, bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaa gara litirii lamaatiin sukkuumante dhikeessuu ti.
NUM 15:10 Kennansa daadhii woyni'iille gara litirii lamaa ta foolee dansaa qaddu ta ana Mootii Waan Maraa gammachiittu dhikeessuu ti.
NUM 15:11 « ‹Dardara tokko tokkooyyuu, korbeessa hoole'ee tokko tokkooyyuu, buruusoo hoole'eetii fi re'e'ee tokko tokkooyyuu akkuma kanatti dhikeessuu ti.
NUM 15:12 Akkuma laakkossi kennansa hori'ii dabalamuun, tokkoofuu akkasuma godha'a.
NUM 15:13 Dhalataan biyya Israa'elii martinuu, kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu yennaa dhikeessu, waan kana mara godhuu ti.
NUM 15:14 Dhaloota dhufu mara keessatti alagaan yookiin nami dhibiin ka odduu teessan le'u kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu yennaa dhikeessu, akkuma seera isin ittiin dhikeessitanutti dhikeessuu ti.
NUM 15:15 Kolbaa keessatti isinii fi alagaa odduu teessan le'uuf seerri tokkuma te'uu ti; kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti; isinii fi alagaan odduu teessan le'ulle ana Mootii Waan Maraa duratti tokkuma.
NUM 15:16 Isinii fi alagaan odduu teessan le'u seeraa fi qajeelfamuma tokko hin qabaattan jedha› jedhiin» jedhe.
NUM 15:17 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 15:18 «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani itti isin geessutti yennaa galtane,
NUM 15:19 sagalee lafa saniille yennaa nyaattane, sagalee san irraa kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
NUM 15:20 Midhaan keessan ka qara dhowattane irraa bulla sharante irraa bixee hephellittii takkattii, akkuma midhaan eeddummee irraa fuutanee kennansa dhikeessitanutti kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
NUM 15:21 Dhaloota dhufu mara keessatti, midhaan keessan ka qaraa irraa bullaa sharante irraa, kennansa kana ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessitan.
NUM 15:22 « ‹Isin adoo hin beekin ajaja ani Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje yoo eegatuu dhaddane,
NUM 15:23 ajaja ani Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin isin ajaje kana maraa gaafa Muuse'etti kenneen jalqaddanee, dhalootaa haga dhalootaatitti yoo eegatuu dhaddane,
NUM 15:24 kolbaalle adoo hin beekin yoo eegatuu dhadde, kolbaan duudiin dardara tokko kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessituu ti! Dardara san wolille'een akka seera isaatitti kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaa woliin, kennansa araara cubbu'uutiifille korbeessa re'e'ee tokko dhikeessituu ti.
NUM 15:25 Kolbaan adoo hin beekin waan tolchiteef, adoo hin beekin tolchiisa ifiitiifille kennansa araara cubbu'uu ana Mootii Waan Maraatiif waan dhikeessiteef, hayyichi kolbaa duudi'iif gumaa tolchuu ti; isaan araara hin dhaggatan.
NUM 15:26 Kolbaa Israa'elii duudi'ii fi alagaan odduu isaanii le'u duudiin, adoo hin beekin waan itti galaneef, araara hin dhaggatan.
NUM 15:27 « ‹Nami tokko adoo hin beekin yoo cubbuu huje, suphee re'e'ee ta woggaa tokkoo kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessuu ti.
NUM 15:28 Hayyichi nama adoo hin beekin cubbuu huje saniif ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa cubbu'uu dhikeessuu ti; inni araara hin dhaggata.
NUM 15:29 Dhalataa biyyaa nama Israa'eliille te'u yookiin alagaa maraafuu ka adoo hin beekin cubbuu hujeef, seerri tokkuma.
NUM 15:30 « ‹Dhalataan biyya Israa'elii yookiin alagaan beekaa yoo cubbuu huje ammoo, ana Mootii Waan Maraa waan tuffateef, kolbaa ifii keessaa bawuu ti.
NUM 15:31 Inni jecha kiyya waan faanshesseef, ajaja kiyyalle waan diigeef, nami sun dhugumaan kolbaa keessaa bawuu qaba; yakki isaalle isuma irratti hafa jedha› jedhiin» jedhe.
NUM 15:32 Israa'elooti yennaa goomolee keessa jiranu, nami tokko guyyaa Sanbataa qoraan caffatuun dhaggane.
NUM 15:33 Worri qoraan caffatuun isa dhagge sun gara Muuse'ee fi Aaronii, gara wolde'a Israa'elii duudi'iille isa fide.
NUM 15:34 Maan akka isa godhanu waan hin beekkaminiif akka hidhamu godhane.
NUM 15:35 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Namichi du'uu qaba; wolde'i duudiin addee quttumaatiin alatti dhaka'aan isa tumuu ti» jedhe.
NUM 15:36 Maarre wolde'i duudiin addee quttumaatiin alatti akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, dhaka'aan tumanee isa ijjeesane.
NUM 15:37 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 15:38 «Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Isin qaccee woyaa teessanii irratti handaara itti baafadha'a; handaara tokko tokkooyyuu irratti jirbii bifa cuquliisaa itti hidha'a. Dhalooti dhufu martinuu tana godhuu ti.
NUM 15:39 Waan gadhaan keessan halche, waan ilti teessan dhaggite gula ideentanee akka hin sagaagalle, akka isin ajaja kiyya maraaf ajajantanu handaarri kun isin qaabachiisa.
NUM 15:40 Achiin duuba isin ajaja kiyya maraaf ajajamiisa hin qaabattan; ana Waaqa keessaniifille hin woyyoontan.
NUM 15:41 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka Waaqa isinii te'iisaaf biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedha› jedhiin» jedhe.
NUM 16:1 Ilmi Yizhaarii Qoraahi akaakoon Qehaatii sanyii Lewwi'ii, ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiram, ilmi Pheletii On worri sanyii Ruubenii,
NUM 16:2 isaan wolille'een dhiirti Israa'elootaa dhibbi lamaa fi shantam, sooreyyiin kolba'aa worri beekkamane, miseensoti kora mura'aa Muusee irratti ka'ane.
NUM 16:3 Isaan Muuse'ee fi Aaron mormiisaaf wolitti qabamanee dhufanee, isaaniin, «Isin ijjumaa bira dabartane! Kolbaan duudiinuu woyyoota; tokko tokkoo isaaniituu Waaqi isaan woliin jira; maarre isin maaf wolde'a Waaqaa irratti ol ifi qaddan ree?» jedhane.
NUM 16:4 Muuseen yennaa tana dhage'e, fuulaan lafatti gombifame.
NUM 16:5 Achiin duuba Muuseen Qoraahii fi hordofattoota isaa maraan, «Boru barii Mootiin Waan Maraa ka isaa eennu akka te'e, woyyichille eennu akka te'e hin mudhisa; nama san gara ifii hin fida; inni nama filatu san gara ifii hin dhikeessa.
NUM 16:6 Atii fi hordofattooti teeti martinuu girgiraa qabadha'aatii,
NUM 16:7 boru barii Mootii Waan Maraa duratti kashilaa fi hixaana itti naqa'a. Nami Mootiin Waan Maraa filate nama woyyicha hin te'a. Isin worri Lewwootaa ijjumaa bira dabartaneertan» jedhe.
NUM 16:8 Muuseen ammalle Qoraahiin, «Ammalle, isin Lewwooti dhage'a'a!
NUM 16:9 Waaqi Israa'elii isatti dhikaattanee hujii dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa akka hujjanuuf, kolbaa dura dhaabbatanee akka isaan tajaajiltanuuf, kolbaa Israa'elii keessaa adda isin baasuun isaa isinitti diqqaattee ree?
NUM 16:10 Inni isinii fi Lewwoota obboleeyyan teessan maraayyuu ifitti dhikeesseera; isin ammoo ammalle hayyoota te'iisaaf barbaaddan.
NUM 16:11 Tanaaf atii fi hordofattooti teeti martinuu Mootii Waan Maraa mormiisaaf wolitti qabantane; Aaroniin isin irratti gunguntanu sun eennu inni?» jedhe.
NUM 16:12 Achiin duuba Muuseen ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiramitti ergee waansise. Isaan ammoo, «Nuuti hin dhunnu;
NUM 16:13 ati lafa aananii fi dammaa keessaa nu baachee goomolee keessatti nu ijjeesiisaaf ka as nu fidde si hin geettuu? Ammalle nu irratti goottaa te'iisaaf barbaaddaa?
NUM 16:14 Ati lafa aananii fi dammaatitti nu hin galchine yookiin ficha'aa fi lafa woyni'ii nuu hin kennine; ati ballaa nu seetaa? Lakkii, nuuti hin dhunnu» jedhane.
NUM 16:15 Achiin duuba Muuseen guddoo aaree, Mootii Waan Maraatiin, «Ati kennansa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokkolle isaan irraa hin fudhanne yookiin isaan keessaa nama tokkolle hin miine» jedhe.
NUM 16:16 Saniin duuba Muuseen Qoraahiin, «Boru atii fi hordofattooti teeti martinuu, Aaronille Mootii Waan Maraa duratti dhaggama'a.
NUM 16:17 Namooti keeti martinuu girgiraa ifii qabatanee, hixaana itti naqatanuu ti; wolumatti girgiraa dhibba lamaa fi shantama, Mootii Waan Maraa dura dhikeessanuu ti; atii fi Aaronille dhikeessa'a» jedhe.
NUM 16:18 Maarre nami tokko tokkooyyuu girgiraa ifii qabatee, kashilaa fi hixaana itti naqatee, Muuse'ee fi Aaron woliin addee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaabbate.
NUM 16:19 Qoraahi hordofattoota ifii mara fuullee Muuse'ee fi Aaronitti, seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti yennaa wolitti qabe, ulfinni Mootii Waan Maraa wolde'a duudi'itti mudhate.
NUM 16:20 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
NUM 16:21 «Ani ammuma akka isaan balleessu, isin wolde'a kana irraa adda baya'a» jedhe.
NUM 16:22 Muuse'ee fi Aaron ammoo lafatti gad gombifamanee iyyanee, «Ee Waaqa, ati Waaqa dada maraaf jiruu kennitu. Nami tokko yoo cubbuu huje, ati wolde'a duudi'itti aartaa ree?» jedhane.
NUM 16:23 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 16:24 «Ati kolba'aan, ‹Dunkaanii Qoraahii irraa, dunkaanii Daataaniitii fi dunkaanii Abiiramii irraa fagaadha'a› jedhiin» jedhe.
NUM 16:25 Maarre Muuseen ka'ee gara Daataaniitii fi Abiiramii dhaqe; jaarsoleen Israa'elii isa gula deemane.
NUM 16:26 Inni wolde'a ifi eeggachiisee, «Dunkaanii namoota jallaameyyii kanaa irraa fagaadha'a! Waan isaanii hin tuqina'a; yoo akkas hin te'in sababa cubbuu isaanii maraatiif isaan woliin hin baddan» jedhe.
NUM 16:27 Maarre isaan dunkaanii Qoraahii irraa, dunkaanii Daataaniitii fi Abiiramii irraa fagaatane. Daataanii fi Abiiram bayanee dhufanee addee seensuma dunkaanii ifii, dubartoota ifiitii fi ijoollee ifii woliin dhaabbataniiyyu.
NUM 16:28 Achiin duuba Muuseen wolde'aan, «Waan kana mara akka ani godhu Mootiin Waan Maraa akka na ergeeru, anille hujii tana mara ka huju yaaduma kiyyaan akka hin te'in tanaan beettan:
NUM 16:29 Namooti kun akkuma nami martinuu du'u yoo du'ane yookiin wonni nama irratti te'u callaan yoo isaan irratti teete, Mootiin Waan Maraa na hin ergine.
NUM 16:30 Ammoo Mootiin Waan Maraa waan te'ee hin beenne godhee, waan isaanii mara woliin, latti afaan ifii bantee isaan liqinsitee, isaan jiru'uun addee worri du'e jirutti yoo gad bu'ane, namooti kun akka Mootii Waan Maraa tuffataneeranu hin beettan» jedhe.
NUM 16:31 Akkuma Muuseen dubbii tana fixateen, latti Daataanii fi Abiiram jalaa gargar baqaxxee,
NUM 16:32 afaan bantee isaanii fi maatii isaanii, hordofattoota Qoraahiitii fi waan isaan qabanu mara woliin liqinsite.
NUM 16:33 Maarre isaan jiru'uun addee worri du'e jirutti waan qabanu mara woliin gad bu'ane; latti itti cufantee, isaan kolbaa keessaa badane.
NUM 16:34 Kolbaan israa'elii ta adaala isaanii jirtu marti, iyya isaanii yennaa dhageette, «Latti nu'ulle hin liqinsiti fa'a» jettee baqatte.
NUM 16:35 Ibiddille Mootii Waan Maraa biraa dhufee namoota dhibba lamaa fi shantama, worra hixaana aarsiisatti jiru muxuqi godhe.
NUM 16:36 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 16:37 «Ele'azaarii ilma Aaronii hayyichaatiin, ‹Girgirooti hixaana itti aarsane sun woyyoota waan te'aneef, kashila keessaa fuudhi; kashila san fageessii bittinneessi.
NUM 16:38 Girgirooti kun girgiroota namooti jiruu ifii balleessiisaaf cubbuu ittiin hujane; girgirooti kun gara Mootii Waan Maraa dhikaatanee waan woyyoomaneef, hephelleessii tumiitii, gonfaa addee ciinca'aa godhi. Kolbaa Israa'eliitiif ifi eeggannoo te'anuu ti› jedhiin» jedhe.
NUM 16:39 Maarre Ele'azaariin hayyichi girgiraa sageettuu irraa hujamane, ka namooti gubatanee fixamane hixaana itti aarsane san fuudhee, hephelleessee tumee addee ciinca'aatiif gonfaa godhe.
NUM 16:40 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin isatti hime, sanyii Aaronii malee, eennulle Mootii Waan Maraa dura dhikaatee hixaana akka hin aarsineef, akka Qoraahiitii fi akka hordofattoota isaalle akka hin teene, Israa'elootaaf waan ittiin qaabatanu godhe.
NUM 16:41 Boruyyaa kolbaan Israa'elii duudiin, «Isin kolbaa Mootii Waan Maraa ijjeettaneertan» jedhanee, Muuse'ee fi Aaron irratti gungumane.
NUM 16:42 Yennaa wolde'i Muuse'ee fi Aaron mormiisaaf wolitti qabamee gara Dunkaanii Woldeenna'aa deebi'e ammoo, dedhuma duumensi Dunkaanii Woldeenna'aa gollee, ulfinni Mootii Waan Maraalle mudhate.
NUM 16:43 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron gara Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhaqane.
NUM 16:44 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een,
NUM 16:45 «Ani ammuma akka isaan fixuuf isin wolde'a kana irraa fagaadha'a» jedhe. Muuse'ee fi Aaron fuulaan lafatti gad gombifamane.
NUM 16:46 Achiin duuba Muuseen Aaroniin, «Mufiin Mootii Waan Maraa biraa baateerti; balaan jalqabeera; ati girgiraa keeti fudhadhuutii, kashila ibidda addee ciinca'aa irraa itti naqiitii, hixaanalle itti naqiitii, cubbuu isaaniitiif gumaa tolchiisaaf ariifadhuu gara wolde'aa gad bayi» jedhe.
NUM 16:47 Maarre Aaron akkuma Muuseen ajaje, girgiraa fudhatee, addee balaan jalqabeeru san rukkisee wolde'a odduu seenee, hixaana aarsee, cubbuu kolba'aatiif gumaa cubbu'uu tolche.
NUM 16:48 Inni worra du'anee fi worra jiranu wodhakkaa dhaabbate; balaalle dhaabbate.
NUM 16:49 Te'uu malee, worra sababa Qoraahiitiif dhumate adoo hin dabalatin, worri balaa saniin dhumate kuma kudhanii afurii fi dhibba torba.
NUM 16:50 Balaan waan dhaabbateef, Aaron addee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti gara Muuse'ee deebi'e.
NUM 17:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 17:2 «Israa'elootatti himiitii, sooressitoota gosa abbootii isaanii ta durii irraa ulee tokko tokko wolumatti ulee kudhanii lama fuudhiitii, ulee nama tokko tokkootuu irratti maqaa isaa barreessi.
NUM 17:3 Sooressi gosa abbootii isaanii ta durii tokko ulee tokko waan qabuuf, ulee gosa Lewwi'ii irratti maqaa Aaronii barreessi.
NUM 17:4 Uloota san fuudhiitii, addee ani si'iin itti wol dhaggu, Dunkaanii Woldeenna'aa keessa Saanduqa Gondooro'oo dura keyi.
NUM 17:5 Achiin duuba uleen nama ani fileeruu hin quunxiti. Akka kanaan gungumiisa Israa'elootaa ta isaan yennaa mara si irratti gungumanu si irraa kuta» jedhe.
NUM 17:6 Maarre Muuseen kanuma Israa'elootatti hime; sooreyyiin gosa Israa'eliille akka gosa gosa ifiititti ulee tokko tokko, wolumatti ulee kudhanii lama isatti kennite; uloota san keessaa takkattiin ulee Aaronii ti.
NUM 17:7 Achiin duuba Muuseen uloota san dunkaanii dhugaa bayaa keessaa Mootii Waan Maraa dura keye.
NUM 17:8 Boruyyaa, Muuseen gara dunkaanii dhugaa bayaa yennaa ol seene, uleen Aaronii ta maqaa gosa Lewwi'iitiin dhikaatte, quunxitee, daraartee, midhaan muka, «Almond» jedhamuu buutteertiiyyu.
NUM 17:9 Achiin duuba Muuseen uloota san mara Mootii Waan Maraa duraa fuudhee Israa'eloota maratti mudhise. Isaan uloota san ilaalanee, sooreyyiin tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii fudhatane.
NUM 17:10 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Worra finqila'aaf beessisa akka teetu, ulee Aaronii Saanduqa Gondooro'oo duratti deebisi. Tun isaan na irratti gungumanee akka hin dhumanne gooti» jedhe.
NUM 17:11 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe.
NUM 17:12 Achiin duuba Israa'elooti Muuse'een, «Nuuti hin duuna! Nuuti dhumataarra! Marti keennaayyuu badaarra!
NUM 17:13 Nami tokkolle yoo dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa bira dhufe hin du'a. Marti keennaayyuu dhumannuu tii ree?» jedhane.
NUM 18:1 Mootiin Waan Maraa Aaroniin, «Atii fi ilmaan teeti, maatiin abbootii teetii ta durii yakkaa addee Woyyittii keessatti hujjaneef itti gaafatantan; yakkaa tajaajila hayyumma'aatiif ammoo si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama.
NUM 18:2 Atii fi ilmaan teeti, dunkaanii dhugaa bayaa duratti yennaa tajaajiltanu akka isin qarqaaranu, gosa abbootii teetii ta durii keessaa obboleeyyan teeti Lewwoota as fidi.
NUM 18:3 Isaan itti gaafatamummaa teeti jalatti hujii dunkaani'ii hujanuutii malee, meya Addee Woyyitti'ii yookiin addee ciinca'aa tuquu hin qabanu. Yoo tuqane atii fi isaanille hin duutan.
NUM 18:4 Isaan itti gaafatamummaa eegiisa Dunkaanii Woldeenna'aa fudhatanee, hujii dunkaanii keessatti hujatu mara hujiisaan si qarqaaran; nami gosa Lewwi'ii hin te'in ammoo si woliin hin hujin.
NUM 18:5 Mufiin tiyya ammalle Israa'elootatti akka hin deebine, tajaajila Addee Woyyitti'iitii fi addee ciinca'aa si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama.
NUM 18:6 Ani Mootiin Waan Maraa obboleeyyan teessan Lewwoota, Israa'eloota oddu'uu filee, hujii Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa akka hujanuuf isinii kenneera.
NUM 18:7 Te'uu malee, hujii addee ciinca'aatii fi hujii gollaa keessaa mara si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. Akka isin hayyoota teetanee tajaajiltanuuf, ani hujii hayyumma'aa isiniif kenneera; isin malee nami dhibiin ka addee woyyitti'itti dhikaatu ijjeefamuu ti» jedhe.
NUM 18:8 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Aaroniin, «Kennansa naaf dhikaatu mara irratti itti gaafatamaa si godheera; kennansa woyyicha Israa'elooti naaf kennitu mara si'ii fi ilmaan teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera.
NUM 18:9 Kennansa irra caalaa woyyichaa ka ibiddaan hin gubanne ifiif fudhadhu; kennansa irra caalaa woyyichaa ka isaan naaf kennanu marti, kennansi midhaanii yookiin kennansi gumaa cubbu'uutiif dhikaatu yookiin kennansi isaan sababa yakka'aatiif dhikeessanu marti keetii fi ka ilmaan teetii ti.
NUM 18:10 Addee Woyyittii keessatti waan kana mara nyaadhu; dhiirti marti waan kana nyaattuu ti; wonni kun si'iif woyyu'u.
NUM 18:11 «Kennansi tachoofamu ka Israa'elooti dhikeessitu marti keeti te'uu ti; ani si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a.
NUM 18:12 «Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii keessaa ta caaltu, midhaan mata'aa keessaa ka caalu, ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif kennane ani sii hin kenna.
NUM 18:13 Midhaan mata'aa ka lafa isaanii keessaa, ka isaan ana Mootii Waan Maraatiif fidanu marti keeti. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a.
NUM 18:14 «Israa'el keessaa wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti keeti te'uu ti.
NUM 18:15 «Wonni Angafa te'e marti, nami yookiin horiin ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu keeti te'anuu ti. Angafa namaatii fi angafa hori'ii ka qulqulluu hin te'iniif ammoo wodoo fudhatuu qadda.
NUM 18:16 Ijoolleen ji'a tokkoo, akka sheeqelii Addee Woyyitti'iititti meetii sheeqelii shan ta gara geraa diddama madaaltuun wodamanuu ti.
NUM 18:17 Angafi loonii, angafi hoole'ee, angafi re'e'ee ammoo woyyuu waan te'aneef wodoo hin fudhatin; dhiiga isaanii addee ciinca'aatitti fiffixi; cooma isaanille kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhiitii addee ciinca'aa irratti gubi.
NUM 18:18 Foon isaanii akkuma foon cormi'iitii fi foon luka middaa ka kennansa tachoofamuuf dhikaatuu keeti te'uu ti.
NUM 18:19 «Kennansi woyyichi ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu marti si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa mara akka te'u kenneera. Tun si'ii fi sanyii teetiif ana Mootii Waan Maraa duratti Gondooroo sooddaa ti» jedhe.
NUM 18:20 Mootiin Waan Maraa ammalle Aaroniin, «Ati lafa Israa'elii keessaa dhaala hin fudhatu; Israa'el odduulle'etti qooda lafaa hin qabaattu. Israa'el oddu'utti ani Mootiin Waan Maraa qooda keetii fi dhaala keeti.
NUM 18:21 «Lewwooti Dunkaanii Woldeenna'aa keessa waan tajaajilanuuf, waan kolbaan Israa'elii kudhan keessaa tokko naaf fiddu mara ani isaaniif dhaala godhee kenneera.
NUM 18:22 Cubbuu itti te'ee akka hin duune, Israa'elooti dhibiin ammaa jalqabanee Dunkaanii Woldeenna'aatitti hin dhikaatin.
NUM 18:23 Worri Lewwootaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanuu ti. Isaan yakkaa achi keessatti hujanuuf itti hin gaafataman. Kun dhaloota dhufuuf seerata bara baraa ti. Isaan Israa'eloota oddu'utti lafa dhaalanu hin qabaatanu.
NUM 18:24 Waan Israa'elooti kudhan keessa tokko kennansa addaa godhanee ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu, ani Lewwootaaf kenneera; tanaaf ani isaaniin, ‹Israa'eloota oddu'utti lafa dhaaltanu hin qabaattanu› jedheera» jedhe.
NUM 18:25 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 18:26 «Ati worra Lewwootaatiin, ‹Waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka ani dhaala keessan godhee isiniif kennu san yennaa fudhattanu, isinille ka fudhattanne san keessaa kudhan keessaa tokko kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
NUM 18:27 Kennansi keessan kun akka midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama.
NUM 18:28 Akka kanaan isinille waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka fudhattanu mara irraa qooda kiyya Aaronii hayyichatti kenna'a.
NUM 18:29 Kennansa fudhattanu mara keessaa ka irra caalaa dansaa te'ee fi irra caalaa woyyicha te'e qooda kiyya godha'aatii dhikeessa'a.
NUM 18:30 Isin waan irra caalaa dansaa san yennaa dhikeessitanu, akkuma midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama.
NUM 18:31 Tajaajila isin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiltanuuf kaffaltii waan isinii te'uuf, isinii fi maatiin teessan waan hafe san eessalle'etti nyaatuu hin dandeettan.
NUM 18:32 Eega waan irra caalaa dansaa te'e dhikeessitane, isin yakkaameyyii hin teetanu. Achiin duuba kennansa woyyicha Israa'elootaa hin batteessitanu; hin duutanulle'e› jedhi» jedhe.
NUM 19:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
NUM 19:2 «Kun qajeelfama seeraa ka ani ajaje: Goronsa arrowa komii hin qanne, ka waanjoon mormarra keyamee hin beenne akka fidanu Israa'elootatti himi.
NUM 19:3 Goronsa san Ele'azaarii hayyichatti kenna'a. Goronsi sun fuudhamee addee quttumaatiin alatti hayyicha duratti gorra'amuu ti.
NUM 19:4 Achiin duuba hayyichi Ele'azaar dhiiga goronsaa quba ifiitiin diqqaa isaa fuudhee yennaa torba fuullee Dunkaanii Woldeenna'aatitti fiffixuu ti.
NUM 19:5 Goronsi sun gogaan isaa, foon isaa, dhiigii fi meen gadhaa isaalle duudiin hayyicha duratti gubamuu ti.
NUM 19:6 Hayyichi muka hindheensaa, damee hisoophiitii fi liilana diimaa fuudhee ibidda goronsi keessatti gubamiisatti jiru sanitti qolaansuu ti.
NUM 19:7 Achiin duuba, inni woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatee, gara addee quttumaa deebi'uu ti; garuu haga galgalaatitti akka aadaa dhugeeffannna'aatitti qulqullu'uu moti.
NUM 19:8 Nami goronsa gube woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; innille haga galgalaatitti qulqullu'uu moti.
NUM 19:9 Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e daadhaa goronsaa san haree, addee quttumaatiin alatti, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu teete keessatti naquu ti; daadhaan sun kolbaa Israa'eliitiif bisaan ittiin qulqulloomanu qopheessiisaaf te'a. Kunille cubbuu irraa ittiin qulqulleessiisaaf te'a.
NUM 19:10 Namichi daadhaa goronsaa harelle woyaa ifii dhiqatuu ti; innille haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. Kun Israa'elootaa fi orma odduu isaanii le'uufille seerata haga bara baraa hin te'a.
NUM 19:11 «Nami reeffa namaa tuqe marti guyyaa torbaaf akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqullu'uu moti.
NUM 19:12 Inni guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo bisaaniin ifi qulqulleessuu ti; achiin duuba qulqulluu hin te'a; guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo yoo ifi hin qulqulleessin ammoo qulqulluu hin te'u.
NUM 19:13 Nami reeffa namaa tuqee adoo ifi hin qulqulleessin hafe, dunkaanii dhugaa bayaa tiyya hin batteessa; inni kolbaa Israa'elii keessaa bawuu ti. Bisaan ittiin qulqulloomiisaa isatti waan hin fiffixaminiif, battummaan isaa isuma irratti hafa.
NUM 19:14 «Nami tokko dunkaanii keessatti yennaa du'u seerri muummeffamu ka asii gad jiru: Nami tokko dunkaanii keessatti yoo du'ee, nami dunkaanii keessa jiru yookiin nami gara dunkaanii sanii seenu guyyaa torbaaf qulqullu'uu moti.
NUM 19:15 Meen afaan banaa jiru ka cuqqaallaan jabaan irra hin jirre marti qulqullu'uu moti.
NUM 19:16 Nami nama shallaaga'aan diidatti ijjeefameeru yookiin nama akkasumaan du'eeru yookiin lafee namaa yookiin irreensa namaa tuqe, guyyaa torbaaf qulqullu'uu moti.
NUM 19:17 «Nama san qulqulleessiisaaf, daadhaa goronsa arrowaa ka cubbuu ittiin qulqulleessiisaaf gubate irra diqqaan isaa fuudhamee, okkote'etti naqamee, bisaan maddaa itti naqamuu ti.
NUM 19:18 Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e damee hisoophii fuudhee, bisaan keessa cuuphee, dunkaani'itti, waan dunkaanii keessa jirutti, namoota achi jiranu maratti, ka lafee nama du'ee tuqetti yookiin ka irreensa tuqetti yookiin ka nama ijjeefame tuqetti yookiin ka reeffa nama akkasumaan du'e tuqetti fiffixuu ti.
NUM 19:19 Nami qulqulluu te'e, guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo nama qulqulluu hin te'initti bisaan fiffixuu ti. Guyyaa torbeesso'oo sanitti isa qulqulleessuu ti. Nami qulqulloome sun woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatee, galgaluma san hin qulqullooma.
NUM 19:20 «Nami qulqulluu hin te'in ammoo, yoo ifi hin qulqulleessin, addee woyyittii tiyya waan batteesseef, kolbaa keessaa bawuu ti; bisaan ittiin qulqulloomiisaa waan itti hin fiffixaminiif inni qulqullu'uu moti.
NUM 19:21 Kun seera haga bara baraa isaaniif te'uu ti; nami bisaan ittiin qulqulloomiisaa itti fiffixame woyaa ifii dhiqatuu ti; nami bisaan itti qulqulloomiisaa tuqe marti haga galgalaatitti qulqullu'uu moti.
NUM 19:22 Wonni nami qulqulluu hin te'in tuqe marti qulqullu'uu moti; nami waan qulqulluu hin te'in san tuqelle haga galgalaatitti qulqullu'uu moti» jedhe.
NUM 20:1 Ji'a tokkeesso'oo keessa kolbaan Israa'elii duudiin gara goomolee Ziinii dhuttee Qaadeshitti qubatte. Achitti Miiryaam duutee awwaalante.
NUM 20:2 Addee san bisaan waan hin jirreef, Muuse'ee fi Aaron mormiisaaf, kolbaan wolitti qabante.
NUM 20:3 Kolbaan Muuse'ee fi Aaron loltee, «Yennaa obboleeyyan teenna Mootii Waan Maraa duratti dhumatanu nuutille adoo dhumannee jiraannee!
NUM 20:4 Isin maaf kolbaa Mootii Waan Maraa as goomolee tana keessa nu fiddane? Nuutille, horiin keennalle akka asitti dhumannuufii motii ree?
NUM 20:5 Biyya Gibxi'ii keessaa nu baattanee addee wonni tokko itti hin lanne maaf nu fiddane? Addee tana midhaan, harruun, woyniin, midhaan muka rumaanii hin jiru; bisaan unanuuyyuu hin jiru» jedhane.
NUM 20:6 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron kolbaa irraa hiiqanee gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaqanee, fuulaan lafatti gad gombifamanee, ulfinni Mootii Waan Maraalle isaanitti mudhate.
NUM 20:7 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 20:8 «Ulee teetii fudhadhuutii atii fi obboleessi keeti Aaron wolde'a wolitti qaba'a; achitti isaan mara duratti rassa'atti dubbadha'a; rassaa san keessaa bisaan hin burqa. Akkanaan ati rassaa keessaa kolba'aaf bisaan baachee, isaanii fi horiille hin unan» jedhe.
NUM 20:9 Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje dhaqee, ulee fuula Mootii Waan Maraa duraa fudhate.
NUM 20:10 Muuse'ee fi Aaron rassaa duratti wolde'a wolitti qabanee, Muuseen kolba'aan, «Isin worri jallaameyyiin, dhage'a'a! Nuuti rassaa kana keessaa bisaan isiniif baanyaa ree?» jedhe.
NUM 20:11 Achiin duuba Muuseen harka ifii ol kaasee, ulee ifiitiin yennaa lama rassaa san dhowe; bisaan keessaa lola'ee, kolba'aa fi horiin isaaniille unane.
NUM 20:12 Mootiin Waan Maraa ammoo Muuse'ee fi Aaroniin, «Israa'eloota duratti ana woyyicha gootanee ulfeessiisaaf, natti waan hin addatiniif, lafa ani isaanii kennetti isaan hin galchitanu» jedhe.
NUM 20:13 Addeen Israa'elooti Mootii Waan Maraatiin morminaan, Mootiin Waan Maraa woyyummaa ifii isaanitti mudhise addee bisaan Mariibaa ti.
NUM 20:14 Muuseen Qaadeshi irraa gara mootii Edoomii ergantootaa ergee, «Obboleessi keeti Israa'el, ‹Rakkinna nu irra dhaqqabe mara hin beetta;
NUM 20:15 abbootiin teenna ta durii gara biyya Gibxi'ii gad bu'anee, nuutille bara hedduu achi leene. Worri biyya Gibxi'ii abbootii teennaa fi nu'ulle cunqursanee,
NUM 20:16 yennaa nuuti gara Mootii Waan Maraa iyyine ammoo, inni iyya teenna dhage'ee ergamaa ergee biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. Amma tuuti meessaa lafa teetii, qachaa Qaadeshii jirra.
NUM 20:17 Maganne'ee lafa teeti keessa akka dabarru nuu eeyyami. Nuuti fichaa nama tokkoo yookiin oorruu woynii nama tokkoolle keessa hin baanu, baleessa tokkolle keessaa bisaan hin unnu; haga lafa teeti keessa dabarrutti karaa guddaa mootichaa irraa asii fi achi middaa fi bitaa adoo hin gorin hin ideenna› jedha'aa itti hima'a» jedhe.
NUM 20:18 Mootiin Edoomii deebisee, «Nuuti akka isin biyya teenna keessa dabartanu hin eeyyannu! Dabariisaaf yoo wodhaantane, shallaaga'aan baanee isin lolla» jedhe.
NUM 20:19 Israa'elooti deebisanee, «Nuuti karaa guddaa irraa hin gorru, nuutille yookiin horiin keennalle yoo bisaan keessan une hin kaffalla; nuuti miila qofaan keessa dabarra malee, waan dhibii womaa hin goonu» jedhane.
NUM 20:20 Mootiin Edoomii ammalle deebisee, «Isin as keessa hin dabartanu» jedhe; achiin duuba isaan loliisaaf, loltoota baca'aa fi hunnaameyyii woliin baye.
NUM 20:21 Mootiin Edoomii worra Israa'elootaa lafa ifii keessa dabariisa waan dhooggeef, Israa'elooti irraa goranee karaa dhibii deemane.
NUM 20:22 Kolbaan Israa'elii duudiin Qaadeshii kaatee gara gaara Hoorii dhaxxe.
NUM 20:23 Gaara Hoorii ka meessaa lafa Edoomiititti, Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin,
NUM 20:24 «Aaron hin du'a; isin lamaanuu bisaan Mariiba'aa biratti diddanee seera kiyya irratti waan kaataneef, inni gara lafa ani Israa'elootaaf kennetti hin galu.
NUM 20:25 Aaronii fi ilma isaa Ele'azaar fuudhiitii gaara Hooriititti ol bayi;
NUM 20:26 achitti woyaa Aaronii hayyicha gudda'aa ta hayyumma'aa irraa baasiitii ilma isaa Ele'azaaritti uffisi. Aaron achitti hin du'a» jedhe.
NUM 20:27 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa ajaje godhe; isaan kolbaan duudiin adoo ilaaltuu gara gaara Hoorii ol bayane.
NUM 20:28 Muuseen woyaa Aaronii ta hayyumma'aa irraa baasee ilma isaa Ele'azaaritti uffise. Aaron achitti qaccee gaaraa irratti du'e. Achiin duuba Muuse'ee fi Ele'azaar gara irraa gad bu'ane.
NUM 20:29 Kolbaan duudiin Aaron akka du'e yennaa dhageette, Israa'elooti martinuu guyyaa soddoma isaaf bowane.
NUM 21:1 Mootichi Araadii nami biyya Kana'aanotaa, ka Negeb keessa le'u, Israa'elooti karaa Ataariim geessuun dhufiisatti akka jiranu yennaa dhage'e, isaan lolee, isaan keessaa garii booji'e.
NUM 21:2 Achiin duuba Israa'elooti, «Ati yoo kolbaa tana harka keennatti dabarsitee kennite, nuuti qachoota isaanii ijjumaa hin balleessina» jedhanee Mootii Waan maraatiif waadaa galane.
NUM 21:3 Mootiin Waan Maraa qoonqoo Israa'elootaa dhage'ee, worra Kana'aanotaa harka isaaniititti dabarsee kenne; Israa'elootille isaanii fi qachoota isaaniille ijjumaa balleessanee, maqaan addee sanii, «Hormaa» jedhamee moggaasane.
NUM 21:4 Israa'elooti lafa Edoomii irra maranee dabariisaaf, gaara Hooriitii ka'anee karaa abbaayaa diintuu geessu deemane; kolbaan ammoo karaa irratti ossa fixattee,
NUM 21:5 Waaqaa fi Muusee irratti gunguntee, «Goomolee tana keessatti akka duunuuf, isin biyya Gibxi'ii keessaa maaf nu baattane? Sagaleen hin jirtu! Bisaan hin jiru! Nuuti sagalee womaa hin baane tana jibbineera» jette.
NUM 21:6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dhudhuufaa odduu kolba'aatitti ergee, Israa'elooti hedduun dhudhuufa'aan iddamanee dhumatane.
NUM 21:7 Kolbaan gara Muuse'ee dhuttee, «Nuuti Mootii Waan Maraatii fi si'i irralle'etti kaanee dubbannee yakkineerra; dhudhuufaa kana akka nu irraa fageessuuf, gara Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadhu» jette. Maarre Muuseen kolba'aaf daadimate.
NUM 21:8 Mootiin Waan Maraalle Muuse'een, «Dhudhuufaa sageettu'uu tolchiitii utuba'atti fannis; nami dhudhuufaan idde gara isaa yoo ilaale hin fayya» jedhe.
NUM 21:9 Maarre Muuseen dhudhuufaa sageettu'uu hujee dongora'atti fannise; nami dhudhuufaan idde martinuu, gara dhudhuufaa sageettuu irraa hujame sanii yennaa ilaale fayye.
NUM 21:10 Israa'elooti addee sanii ka'anee Obooti qubatane.
NUM 21:11 Isaan Obootii ka'anee, lafa Mo'aabotaatiin gara aduun baatu, goomolee keessa Iyye-Abaariim qubatane.
NUM 21:12 Achii ka'anee dhooqa Zeredii keessa qubatane.
NUM 21:13 Achille'ee ka'anee goomolee haga lafa Amoorotaatitti badhattu keessa laga Aarnoniitiin gama qubatane; lagi Aarnonii Mo'aabotaa fi Amoorota odduu meessaa irra jira.
NUM 21:14 Tanaaf Kitaaba lolaa ka Mootii Waan Maraa keessatti, «Waahebii Sufaa keessaatitti, dhooqa laga Aarnoniititti,
NUM 21:15 goodda gara dhooqa sanii ta haga qachaa Aarii ka meessaa Mo'aabiititti» jedhame.
NUM 21:16 Isaan achii ka'anee gara Berii, lafa bisaan boollaa addee Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kolbaa wolitti qabi; anille bisaan isaanii hin kenna» jedhee, dhaqane.
NUM 21:17 Achiin duuba kolbaan Israa'elii, «Ee boolla bisaanii, bisaan burqi! Nuutille faaru'uun nageya si fuuna!
NUM 21:18 Boolla bisaanii ta bulchitootii fi qondaaltoti kolba'aa ulee bokku'uutii fi ulee ifiitiin gad qotane» jedhanee faaruu tana faarsane. Achiin duuba goomolee sanii ka'anee gara Maataanaa deemane;
NUM 21:19 Maataanaalle'ee ka'anee gara Naahaalii'elii, Naahaalii'elille'ee ka'anee gara Baamotii,
NUM 21:20 Baamotille'ee ka'anee gara dhooqa goomolee lafa Mo'aabotaa keessaa, ta qaccee gaara Phiisga'aa irraa gad mudhattuu dhaqane.
NUM 21:21 Achiin duuba Israa'elooti mooticha Amoorotaa Sihoonitti nama erganee,
NUM 21:22 «Biyya teeti keessa nu dabarsi. Nuuti biyya teeti keessa haga dabarutti karaa guddaa mootichaa irra ideenna malee, gara fichaa tokkoolle yookiin gara oorruu woynii takkaalle hin gorru; baleessa tokkolle keessaa bisaan hin unnu» jedhane.
NUM 21:23 Mootichi Sihoon ammoo kolbaan Israa'elii akka lafa isaa keessa dabartu hin eeyyanne. Inni loltoota ifii wolitti qabatee, Israa'eloota loliisaaf gara goomole'ee dhaqee, Yaahazitti Israa'eloota lole.
NUM 21:24 Te'uu malee, Israa'elooti isa ijjeesanee, lafa isaa laga Aarnoniitii haga laga Yaaboqiititti, haga meessaa Amoonotaatitti qabatane; meessaan Amoonotaa guddoo waan eegameeruuf laga Yaaboqii hin dabarre.
NUM 21:25 Maarre Israa'elooti qachoota Amoorotaa Heshiboonii fi qachoota adaala isaa mara qabatanee, keessatti qubatane.
NUM 21:26 Heshiboon qachaa guddicha mootii Amoorotaa Sihoonii ti; inni dur mooticha Mo'aabii ka durii lolee, lafa isaa haga laga Aarnoniititti irraa fudhateera.
NUM 21:27 Tanaaf worri weeddisu, «Gara Heshiboonii kowa'a! Qachaan kun deebi'ee ijaaramuu ti; qachaan guddichi Sihoonii adde'etti deebi'uu ti!
NUM 21:28 Ibiddi Heshiboon keessaa ka'ee, bobeenni qachaa Sihoonii keessaa bobe'ee, qachaa Aarii ka Mo'aab keessaa luxub godhee, goottolee koobota Aarnonii gube.
NUM 21:29 Ee Mo'aab, si'iif aanne'e! Ee kolbaa Kemoshii isin baddane! Kemoshi ilmaan ifii akka baqattu, ijoollee ifii ta durraa akka booji'antu, mooticha Amoorotaa Sihoonitti dabarsee kenneera.
NUM 21:30 Nuuti ammoo isaan garagalchine; Heshiboon haga Diiboniititti badde; Heshiboonii haga Diiboniititti, haga Nofaatitti, haga Madabaatitti isaan balleessine» jedhane.
NUM 21:31 Maarre Israa'elooti lafa Amoorotaa keessatti qubatane.
NUM 21:32 Muuseen qachaa Yaazerii akka dooyanu worra dooyu ergeen duuba, Israa'elooti Yaazerii fi qachoota adaala sanii qabatanee Amoorota achi le'anu ari'anee baasane.
NUM 21:33 Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee, karaa Baashaan geessu gula ol bayane; mootichi Baashaanii Oog Edraayitti isaan loliisaaf loltoota ifii duudii woliin duula baye.
NUM 21:34 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati isa hin sodaatin; ani isaa fi loltoota isaa, lafa isaalle harka keetitti dabarsee hin kenna. Mootii Amoorotaa Sihoon, ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulche akkuma goote, Oogille akkasuma godhi» jedhe.
NUM 21:35 Maarre Israa'elooti Oog, ilmaan isaatii fi loltoota isaa duudii nama tokkolle adoo hin hamburin ijjeesanee, lafa isaalle qabatane.
NUM 22:1 Achiin duuba Israa'elooti gara dirree Mo'aabii ka'anee deemanee, laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuun, fuullee Yeriko'oo qubatane.
NUM 22:2 Mootiin Mo'aabii, ilmi Ziphoorii Balaaqi, waan Israa'elooti Amoorota godhane mara dhagge.
NUM 22:3 Israa'elooti kolbaa hedduu waan teeteef, Mo'aaboti akka malee sodaatte. Dhugumaan, namooti Mo'aabii Israa'eloota sodaatanee sheephisane.
NUM 22:4 Mo'aaboti maanguddoo Miidiyaaniitiin, «Akkuma qotiyyoon marra diida keessaa muxuqqi gootu, gumiin tun waan adaala keenna jiru mara muxuqqi hin gooti» jedhane; tanaaf ilmi Siphoorii Balaaqi, ka yennaa san mootii Mo'aabii te'eeru,
NUM 22:5 ilma Be'orii Bala'aam ka qachaa Phetorii qarqara laga Efraaxiisii lafa dhaloota ifii jiru waansisiisaaf nama itti ergee, «Kolbaan takka biyya Gibxi'iitii dhuttee, lafa duudii guutteerti. Isaan dhikoo tiyya qabataneeran.
NUM 22:6 Isaan na caalaa hunnaameyyi'i; tanaaf koyiitii isaan naa abaari; akka wotoo ani isaan injifadhee biyya keessaa ari'ee isaan baasuu hin dande'a fa te'a. Nami ati eebbitte eebbifamaa, nami ati arbaartelle abaaramaa akka te'u ani hin beeka» jedhe.
NUM 22:7 Maarre maanguddooti Mo'aabiitii fi Miidiyaanii beesee kaffaltii moru'uu qabatanee, gara Bala'aamii dhaqanee, ergaa Balaaqii itti himane.
NUM 22:8 Bala'aam isaaniin, «Edana as bula'a; anille boru waan Mootiin Waan Maraa natti hime isinitti hin hima» jedheen. Maarre maanguddooti Mo'aabotaa Bala'aam bira bulte.
NUM 22:9 Waaqi gara Bala'aamii dhufee, «Jarri si woliin jirtu tun eennu fa'a?» jedhee gaafate.
NUM 22:10 Bala'aam deebisee, Waaqaan, «Mootiin Mo'aabii, ilmi Ziphoorii Balaaqi ergantoota tana gara kiyya ergee,
NUM 22:11 ‹Kolbaan takka biyya Gibxi'iitii dhuttee lafa duudii guutteerti; amma koyiitii isaan naaf abaari; achiin duuba ani akka wotoo isaan lolee biyya keessaa ari'ee isaan baasuu hin dande'a fa te'a› anaan jedhe» jedhe.
NUM 22:12 Waaqi ammoo Bala'aamiin, «Isaan woliin hin dhaqin. Kolbaan sun ta eebbifante waan teeteef, ati isaan hin abaarin» jedhe.
NUM 22:13 Bala'aam boruyyaa ganama ka'ee, qondaaltota Balaaqi erge saniin, «Akka ani isin woliin dhaqu, Mootiin Waan Maraa waan na dhooggeef, gara mana keessanii gala'a» jedhe.
NUM 22:14 Maarre qondaaltoti worra Mo'aabotaa gara Balaaqii dhaqanee, «Bala'aam nu woliin dhufuu dide» jedhaneen.
NUM 22:15 Balaaqi ammalle qondaaltota dhibii ka qondaaltota duraa san caalaa heddatanuu fi worra ulfinna qabanu Bala'aamitti erge.
NUM 22:16 Isaan gara Bala'aamii dhaqanee, «Ilmi Ziphoorii Balaaqi, ‹Gara kiyya dhufiisa irraa wonni tokkolle si hin dhooggin!
NUM 22:17 Sababille ani ulfinna guddaa si'iif hin kenna; waan ati jette maralle hin godha. Koyiitii, kolbaa tana naaf abaari› siin jedheera» jedhaneen.
NUM 22:18 Bala'aam ammoo deebisee isaaniin, «Balaaqi mana ifii ka mootumma'aa ka meeti'ii fi worqi'iin guutame san yoo naaf kennelle, ani ajaja Waaqa kiyya Mootii Waan Maraa irra dabaree waan guddoo yookiin waan diqqoo hujuu hin dande'u.
NUM 22:19 Ammalle waan Mootiin Waan Maraa dabalee natti dubbatu akka beekuuf, worri duraa sun akkuma as bulane, isinille edana as bula'a» jedhe.
NUM 22:20 Halkan san, Waaqi gara Bala'aamii dhufee, «Jarri tun si waamiisaaf yoo dhufaneeranu teete, ka'ii isaan woliin deemi; ammoo waan ani sitti himu qofa huji» jedheen.
NUM 22:21 Maarre Bala'aam ganama ka'ee, harree ifii fe'atee, qondaaltota worra Mo'aabii woliin deeme.
NUM 22:22 Yennaa Bala'aam deeme, Waaqi ammoo guddoo itti aare; ergamaan Mootii Waan Maraa isa mormiisaaf karaa keessa dhaabbate. Yennaa san Bala'aam harree irra tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa lamaan isa woliin jiraniiyyu.
NUM 22:23 Harreen sun ergamaan Mootii Waan Maraa shallaagaa buqqifatee, harkatti qabatee, karaa keessa dhaabbatuun yennaa dhaggite, karaa irraa ficha'atti gorte; Bala'aamille kara'atti deebisiisaaf dhowe.
NUM 22:24 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa karaa dhiphaa addee oorruu woyni'ii lamaan ka dalleenni dhaka'aa gara lamaaniinuu jiru keessa dhaabbate.
NUM 22:25 Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, gara dalleya dhaka'aa maxxantee, miila Bala'aamiille dalleya dhaka'aatitti maxxansite. Maarre inni ammalle isii dhowe.
NUM 22:26 Ergamaan Mootii Waan Maraa gara duraa deemee, addee dhiphoo, middatti yookiin bita'atti garagaliisaaf karaan hin jirre dhaabbate.
NUM 22:27 Harreen sun ergamaa Mootii Waan Maraa yennaa dhaggite, Bala'aam duraa gad ciitte; Bala'aamille guddoo aaree, ulee ifiitiin isii dhowe.
NUM 22:28 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa afaan harree sanii banee, harreen sun Bala'aamiin, «Ani maan si goonaan, ati yennaa sad na dhootte?» jette.
NUM 22:29 Bala'aam harree saniin, «Ati waan naan taphatteef ree! Ani adoo shallaagaa harkaa qabaadhee, ammuma silaa si ijjeesaayyu!» jedhe.
NUM 22:30 Harreen sun deebittee, Bala'aamiin, «Ani harree teeti ta ati yennaa mara, haga guyyaa adhaatitti irra teettuu motii? Ani akkas sitti te'ee beekaa?» jette. Innille, «Waawwo'o» jedheen.
NUM 22:31 Achiin duuba Mootii Waan Maraa ila Bala'aamii banee, ergamaan Mootii Waan Maraa shallaagaa buqqifate san harkatti qabatee, karaa keessa dhaabbatuun dhagge; Bala'aam fuula ifiitiin lafatti gad gombifame.
NUM 22:32 Ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ati maaf harree teeti yennaa sad akkana dhootte? Ati karaa dabaa deemiisatti waan jirtuuf, ani si mormiisaaf dhufeera.
NUM 22:33 «Harreen teeti na dhaggitee, yennaa sad na irraa gorte. Adoo isiin na irraa goruu dhaddee, ani silaa dhugumaan, amma si ijjeesee isii lakkiseeraayyu» jedheen.
NUM 22:34 Bala'aam, ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Ani cubbuu hujeera; akka ati anaan mormiisaaf, karaa keessa dhaabbatteertu hin beenne. Amma deemiisi kiyya kun yoo si gammachiisin hin deebi'a» jedhe.
NUM 22:35 Ergamaan Mootii Waan Maraa, Bala'aamiin, «Jara tana woliin deemi; ammoo waan ani sitti himu qofa dubbadhu» jedhe. Maarre Bala'aam qondaaltota Balaaqii woliin deeme.
NUM 22:36 Balaaqi akka Bala'aam dhufiisatti jiru yennaa dhage'e, isa fudhatiisaaf gara qachaa Aarii ka Mo'aab keessaa, ka bisaan Aaronii bira irga lafa isaa jiruu dhaqe.
NUM 22:37 Balaaqi, Bala'aamiin, «Ani akka ati ariifattee dhuttu gara keeti ergeeraayyuu motii? Ati maaf gara kiyya dhufuu dhadde? Ani ulfinna sii kennuu hin dande'uu?» jedhe.
NUM 22:38 Bala'aam deebisee, «Kunoo, amma gara keeti dhufeera; ammoo waan Waaqi akka dubbadhu natti hime qofa dubbadha malee, waan tokkolle hin dubbadhu» jedhe.
NUM 22:39 Achiin duuba Bala'aam Balaaqi woliin gara qachaa Kiriiyat-Huzotii dhaqe.
NUM 22:40 Balaaqi loonii fi hoolota ciincaa dhikeessee, foon isaanii irraa garii Bala'aamii fi qondaaltota isa woliin jiranuuf kenne.
NUM 22:41 Balaaqi boruyyaa ganama Bala'aam fuudhee gara Baamot-Ba'aaliititti ol baase; inni achi dhaabbatee kolbaa Israa'elii worra cinaa quttumaa jiranu dhagge.
NUM 23:1 Bala'aam, Balaaqiin, «Addee ciinca'aa torba asitti naaf ijaari; korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba naaf qopheessi» jedhe.
NUM 23:2 Balaaqi akkuma Bala'aam jedhe godhe; Balaaqii fi Bala'aamille addee ciinca'aa tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciinca'aaf dhikeessane.
NUM 23:3 Achiin duuba Bala'aam, Balaaqiin, «Ani yennaa achi deemu, ati ciincaa keeti ka gubamu bira as turi; akka wotoo Mootiin Waan Maraa natti mudhatiisaaf hin dhufa fa te'a. Waan inni natti mudhisu mara ani sitti hin hima» jedhe. Maarre inni gara kooba godduu takkaa dhaqe.
NUM 23:4 Achiin duuba Waaqille Bala'aamitti mudhate; Bala'aamille isaan, «Ani addee ciinca'aa torba qopheessee, tokko tokkooyyuu irratti korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko dhikeesseera» jedhe.
NUM 23:5 Mootiin Waan Maraa waan Bala'aam dubbatu afaan keessa keyeefii, «Gara Balaaqii deebi'iitii ergaa tana itti himi» jedheen.
NUM 23:6 Maarre inni gara Balaaqii deebi'ee, inni qondaaltota Mo'aabii mara woliin ciincaa ifii ka gubamu bira dhaabbatuun dhagge.
NUM 23:7 Achiin duuba Bala'aam raagee, «Mootiin Mo'aabii Balaaqi gaarota gara aduun baatuu irraa biyya Aaramii na fidee, Balaaqi, ‹Koyiitii, kolbaa Yaaqoobii naa abaari; koyiitii, kolbaa Israa'elii badin!› jedhe.
NUM 23:8 Ka Waaqi hin abaarin ani attam abaara? Ka Mootiin Waan maraa hin badinin ani attam badina?
NUM 23:9 Ani gaara rassa'aa irraa isaan dhagga; kooba irraa isaan ilaala; isaan kolbaa qofuu leetu, ta gosa biyya adda addaalle'etti ifi hin laakkonne dhagga!
NUM 23:10 Sanyii Yaaqoobii ta akka biyye'ee eentu laakkowa? Yookiin gamisuma gamisa laakkossa Israa'eliille eentu laakkowuu dande'a? Ani du'a balcha'aa du'uu ti; muummeen tiyyalle akka muummee isaanii teetuu ti!» jedhe.
NUM 23:11 Balaaqi, Bala'aamiin, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Ani diinota kiyya akka naa abaartuuf si fide, ati ammoo isaan eebbitte malee, womaa isaan hin goone» jedhe.
NUM 23:12 Inni deebisee, «Waan Mootiin Waan Maraa akka ani dubbadhuuf natti hime dubbatiisa qabaa motii ree?» jedhe.
NUM 23:13 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Gara addee dhibi'ii ta isaan dhagguu dandeettu woliin dhandhaatii koy; isaan keessaa worra diqqaa qofa malee, mara isaanii hin dhaggitu. Achi dhaabbadhuutii isaan naaf abaari» jedhe.
NUM 23:14 Maarre inni mataa gaara Phiisga'aa irra, gara diida Zofiimii isa geesse. Achitti addee ciinca'aa torba ijaaree, tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciincaa dhikeesse.
NUM 23:15 Bala'aam, Balaaqiin, «Ani achitti Mootii Waan Maraatiin wol dhaggiisaaf yennaa deemu, ati ciincaa keeti ka gubamu bira as turi» jedhe.
NUM 23:16 Mootiin Waan Maraa Bala'aamitti mudhatee, ergaa inni dubbatu itti himee, «Gara Balaaqii deebi'iitii ergaa tana itti himi» jedheen.
NUM 23:17 Maarre inni deebi'ee, qondaaltota Mo'aabii woliin ciincaa ifii bira dhaabbatuun isa dhagge. Balaaqi, «Mootiin Waan Maraa maan jedhe?» jedhee Bala'aam gaafate.
NUM 23:18 Bala'aamille ergaa raagaa, «Balaaqi, ka'iitii caqasi! Ee, ilma Ziphoorii na dhage'i!
NUM 23:19 Waaqi ilma namaatii motii, inni hin hollu; yookiin akka namaa yaada ifii hin jijjiiratu. Inni waadaa gale hin muummessa; waan dubbatelle hin guuta.
NUM 23:20 Kunoo, ani eebbisiisaaf ajajameera; inni eebbiseera; ani eebba isaa jijjiiree hin dande'u.
NUM 23:21 Kolbaa Yaaqoobii keessatti wonni hantuun, Israa'el keessatti rakkoon hin dhagganne. Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaan woliin jira; isaan mootii ifii leellisan.
NUM 23:22 Waaqi biyya Gibxi'iitii isaan baase; inni isaaniif akka gaafa gafarsaa ti.
NUM 23:23 Ilmaan Yaaqoobii irratti xanoon, Israa'el irrattille moruun hin hujju. Amma waan Yaaqoobiitii fi Israa'elii, ‹Waan Waaqi godhe dhagga'a!› hin jedhama.
NUM 23:24 Kolbaan Israa'elii akka neenqa dhala'aa ol kaati; isaan akka neenqa waan adansee qabate haga nyaatutti, dhiigalle haga unutti ciisa dhabee ol ka'uu ti» jedhe.
NUM 23:25 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Ati isaan eega hin abaarin hin eebbisinille'e!» jedhe.
NUM 23:26 Bala'aam deebisee Balaaqiin, «Ani waan Mootiin Waan Maraa jedhe qofa akka godhu, sitti himee hin jiruu?» jedhe.
NUM 23:27 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Amma addee dhibii si geessaa koy; achi dhaabbattee akka ati isaan naaf abaartu Waaqi hin jaalata fa te'a» jedhe.
NUM 23:28 Maarre Balaaqi, Bala'aam gara qaccee gaara Phe'orii ka irra dhaabbatanee lafa goomole'ee dhagganu geesse.
NUM 23:29 Bala'aam, Balaaqiin, «Asitti addee ciinca'aa torba naaf ijaariitii, korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba naaf qopheessi» jedhe.
NUM 23:30 Maarre Balaaqi akkuma Bala'aam jedhe godhe; addee ciinca'aa tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciincaa dhikeesse.
NUM 24:1 Bala'aam Israa'eloota eebbisuun Mootii Waan Maraa akka gammachiitte yennaa dhagge, inni fuula ifii gara goomole'ee deebifate malee, akka yennaa dhibi'ii waan ittiin moru barbaadatiisa hin dhandhe.
NUM 24:2 Bala'aam ol ilaalee, worri Israa'elii gosa gosaan qubataneeranuun yennaa dhagge, Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'ee,
NUM 24:3 ergaa dubbattee, «Ergaan Bala'aamii ilma Be'orii, ergaan nama ilti isaa banantee,
NUM 24:4 ergaan nama jecha Waaqaa dhage'uu, ka mudhii ka waan mara dande'uu dhagguu, ka isa duratti gad jigeeruun, ilti isaa banantee kana:
NUM 24:5 «Ee Yaaqoob, dunkaanoti teeti, ee Israa'el quttumi keeti, attam attam dansa'a!
NUM 24:6 «Isaan akka meexxii banqaaxxuu, akka oorruu bisaan biraa ti; isaan akka hargiisa Mootiin Waan Maraa dhaabee ti; isaan akka hindheensa bisaan biraa ti.
NUM 24:7 «Sakkeelloo isaanii keessaa bisaan hin yaa'a; sanyiin midhaan isaanii bisaan guddaa hin dhaggatti. «Mootiin isaanii mootii Agaagii hin caala; mootummaan isaaniille hin leellifanti.
NUM 24:8 «Waaqi biyya Gibxi'iitii isaan baase, inni isaaniif akka gaafa gafarsaa ti. Inni gosa biyya adda addaa diinota isaanii hin kukkuta; lafee isaaniille hin butucha; daaya ifiitiin woraanee isaan fullaasa.
NUM 24:9 «Isaan irkatanee, akka neenqa dhala'aatii fi neenqa kormaa gad ciisane; isaan kaasiisaaf ka itti guulu eennu? «Worri si eebbisu eebbifamuu ti! Worri si abaaru abaaramuu ti!» jedhe.
NUM 24:10 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamitti aaree bobe'ee, harka dhowee, «Ani akka ati diinota kiyya abaartuuf si waame; ati ammoo kunoo yennaa sad isaan eebbitte.
NUM 24:11 Amma ariifadhuu gara mana keetii deemi! Ani silaa, ‹Gatii dansaa si'iif hin kaffala› jedheeraayyu. Mootiin Waan Maraa ammoo gatii dhaggatiisa si dhoogge» jedhe.
NUM 24:12 Bala'aamille deebisee, Balaaqiin, «Ani ergantoota teeti ta ati natti ergitetti himee,
NUM 24:13 ‹Balaaqi mana ifii ka mootumma'aa ka meeti'ii fi worqi'iin guutame san yoo naaf kennelle, waan Mootiin Waan Maraa natti dubbate qofa dubbadha male, jecha isaa irra dabaree, fedha kiyyaan waan dansaa yookiin waan badduu godhiisaaf hin dande'u› hin jenneeyyuu?
NUM 24:14 Maarre amma ani gara kolbaa tiyyaa deebi'ee deemaara; gara duraa ammoo waan kolbaan Israa'elii tun kolbaa teeti irratti godhu'uuf jirtu koy sitti hima» jedhe.
NUM 24:15 Achiin duuba ergaa dubbatee, «Ergaan Bala'aamii ilma Be'orii, ergaan nama ilti isaa banantee,
NUM 24:16 Ergaan nama jecha Waaqaa dhage'uu, ka beekkumsa Ol Aana'aa qabuu, ka mudhii ka waan mara dande'uu dhagguu, ka isa duratti gad jigeeruun, ilti isaa banantee kana:
NUM 24:17 «Ani isa dhagga, ammoo ammaa moti; ani isa ilaala, ammoo dhiko'ottii moti. Bakalchi Yaaqoob keessaa hin baya; Israa'el keessaa uleen bokkuu mootumma'aa hin ka'a. Sooreyyii worra Mo'aabii hin butucha; buqqii mataa ilmaan Sheetii mara hin caccassa.
NUM 24:18 Edoom hin qabatanti; Se'iir ta diina isaa teetelle ta isaa hin teeti; Israa'el ammoo jabaataatuma hin ideenti.
NUM 24:19 Sanyii Yaaqoobii keessaa bulchaan tokko hin dhufa; worra qachaa guddicha keessatti hafelle hin balleessa» jedhe.
NUM 24:20 Achiin duuba Bala'aam gara worra Amaaleqii ilaalee, ergaa ifii dubbatee, «Gosa biyya adda addaa oddu'utti worri Amaaleqii ka qaraa te'ee ture, muummeen isaanii ammoo badii bara baraa ti» jedhe.
NUM 24:21 Achiin duuba inni gara worra Qenootaa ilaalee, ergaa ifii dubbatee, «Addeen quttuma teessanii addachiittu'u; mandheen teessan rassaa keessatti ijaaranteerti.
NUM 24:22 Ammoo yennaa worri Asoorii isin booji'e, isin worri Qenootaa hin baddan» jedhe.
NUM 24:23 Ammalle inni ergaa ifii dubbatee, «Aanne'e, yennaa Waaqi tana godhu eentu jiraata ree?
NUM 24:24 Qarqara Kitiimiitii ammoo hobolooti gugurdoon hin dhufan; isaan Asoorii fi Ebeer hin qabatan; isaanille ifiifuu haga bara baraa hin badan» jedhe.
NUM 24:25 Achiin duuba Bala'aam ka'ee gara mana ifii deebi'e; Balaaqille karaa ifii deeme.
NUM 25:1 Israa'elooti Shiixiimitti yennaa qubataneeranu, dhiirti isaanii dubartoota Mo'aabotaa woliin sagaagalane.
NUM 25:2 Dubartooti sun worra dhiiraa san gara ciincaa waaqota ifiititti waamane; isaanille ciincaa san nyaatanee, waaqota isaaniitiif sagadane.
NUM 25:3 Tanaaf Israa'elooti Ba'aal Phe'or waaqonfatiisa jalqaddee, Mootiin Waan Maraa guddoo isaanitti aare.
NUM 25:4 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Aariin tiyya guddoon Israa'eloota irraa akka deebitu, ati sooreyyii kolbaa tanaa mara fuudhiitii, ila guyya'aatiin fuula kiyya duratti fannisi» jedhe.
NUM 25:5 Maarre Muuseen abbootii mura'aa ta Israa'elootaatiin, «Tokko tokkoon keessan nama keessan ka Ba'aal Phe'or waaqonfatiisa jalqabe ijjeesa'a» jedhe.
NUM 25:6 Achiin duuba Muuse'ee fi wolde'i kolbaa Israa'elii duudiin Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhaabbatanee adoo isaan bowanuu, Israa'eloota keessaa tokkochi iluma isaanii duratti, dubartii worra miidiyaanii takka fudhatee gara maatii ifii dhufe.
NUM 25:7 Akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas yennaa tana dhagge, ka'ee wolde'a keessaa bayee, eboo fudhatee,
NUM 25:8 namicha Israa'elicha gula gara dunkaani'ii seenee, eboo darbatee, namichaa fi dubartittiille woraanee isaan lamaanuu wolitti fullaase. Achiin duuba balaan kolbaa Israa'elii irraa dhaabbate.
NUM 25:9 Te'uu malee, balaa saniin namoota kuma diddamii afuritti du'e.
NUM 25:10 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 25:11 «Kolbaa Israa'elii keessaa akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas marroo tiyyaaf waan hinaafeef, ani hinaaffaa tiyyaan akka isaan hin fixanneef, mufii tiyya isaan irraa deebiseera.
NUM 25:12 Tanaaf, akka ani Gondooroo tiyya ta nageyaa isa woliin gondooradhu, Fiinehaasitti himi.
NUM 25:13 Inni ana Waaqa ifiitiif waan hinaafeef, kolbaa Israa'eliitiifille gumaa cubbu'uu waan kenneef, Gondooroon hayyummaa bara baraa isaaf, isaan duuballe sanyii isaatiif hin teeti» jedhe.
NUM 25:14 Maqaan namicha Israa'elicha ka dubartittii worra Miidiyaanii woliin ijjeefamee Ziimiirii ilma Saaluwa'aa ti; inni sooressa fira Shimi'oonii ti.
NUM 25:15 Maqaan dubartittii worra Miidiyaanii ta ijjeefantee Kozbi; isiin intala Zuurii, ka gosa Miidiyaan keessatti sooressa fira tokkoo ti.
NUM 25:16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 25:17 «Worra Miidiyaanii kana akka diinaatitti laakkowa'aatii fixa'a;
NUM 25:18 wonni tana gootanuuf, isaan Phe'oritti, obboleettii isaanii, ta guyyaa balaan Phe'oritti bu'e ijjeefante, intala sooressa isaanii hujii Kozbiitiin sobanee isin miidhaneeran» jedhe.
NUM 26:1 Bala'aan duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Ele'azaarii ilma Aaronii hayyichaatiin,
NUM 26:2 «Wolde'a kolbaa Israa'elii duudii keessaa namoota woggaa diddamaatii fi diddamaa olii, ka dhaqanee loluu dande'anu mara, akka maatii maatii isaaniititti laakkowa'a» jedhe.
NUM 26:3 Maarre Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi fuullee Yeriko'ootitti cinaa laga Yordaanosii dirree Mo'aabii keessatti, kolba'atti dubbatanee,
NUM 26:4 «Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, dhiira woggaa diddamaatii fi diddamaa olii laakkowama'a» jedhane. Worri Israa'elootaa ka biyya Gibxi'iitii bayane ka asii gad jiranu:
NUM 26:5 Sanyii Ruubenii ilma angaficha Israa'elii keessaa: Henok, abbaa fira Henookotaa; Faluun, abbaa fira Faluuwotaa;
NUM 26:6 Hezron, abbaa fira Hezronotaa; Karmi, abbaa fira Karmii'otaa;
NUM 26:7 laakkossi dhiira firoota Ruubenii kuma afurtamii sadii fi dhibba torbaa fi soddoma.
NUM 26:8 Ilmi Faluu Eliiyaab;
NUM 26:9 ilmaan Eliiyaabii: Nemu'el, Daataanii fi Abiiram; Daataanii fi Abiiramiin kun qondaaltota kolba'aa worra Muuse'ee fi Aaroniin mormane. Akkasuma yennaa Qoraahii fi goliin isaa Mootii Waan Maraa irratti finqila kaasane isaan woliin jiraniiyyu.
NUM 26:10 Latti banantee Qoraahi woliin isaan liqinsite; goliin Qoraahii yennaa ibiddi bu'ee namoota dhibba lamaa fi shantama fixe san dhumatane. Isaan beessisa ifi eeggachiisaa te'ane.
NUM 26:11 Te'uu malee ilmaan Qoraahii hin duune.
NUM 26:12 Sanyiin Simi'oonii akka fira fira isaaniititti: Nemu'el, abbaa fira Nemu'elootaa ti; Yaamiin, abbaa fira Yaamiinotaa ti; Yaakiin, abbaa fira Yaakiinotaa ti;
NUM 26:13 Zaara, abbaa fira Zerootaa ti; Shaawul, abbaa fira Shaawulootaa ti;
NUM 26:14 firri Simi'oonotaa kun laakkowamanee, dhiirti kuma diddamii lamaa fi dhibba lama teete.
NUM 26:15 Sanyiin Gaadii akka fira fira isaaniititti: Zefoon, abbaa fira Zefoonotaa ti; Haag, abbaa fira Haagotaa ti; Shun, abbaa fira Shunootaa ti;
NUM 26:16 Ozni, abbaa fira Oznootaa ti; Eri, abbaa fira Erootaa ti;
NUM 26:17 Aarod, abbaa fira Aarodootaa ti; Arii'el, abbaa fira Arii'elootaa ti;
NUM 26:18 firri Gaadotaa kun laakkowamanee, dhiirti kuma afurtamaa fi dhibba shan teete.
NUM 26:19 Ilmaan Yihuda'aa Erii fi Onaan; isaan ammoo lafa Kana'aanii keessatti du'ane.
NUM 26:20 Sanyiin Yihuda'aa akka fira fira isaaniititti: Shela, abbaa fira Shelootaa ti; Faares, abbaa fira Faaresootaa ti; Zaara, abbaa fira Zaarotaa ti;
NUM 26:21 Sanyiin Faaresii: Hezron, abbaa fira Hezronotaa ti; Hamul, abbaa fira Humulootaa ti;
NUM 26:22 firri sanyii Yihuda'aa kun laakkowamanee, dhiirti kuma torbaatamii jaa fi dhibba shan teete.
NUM 26:23 Sanyiin Yisaakorii akka fira fira isaaniititti: Tola, abbaa fira Tolootaa ti; Fuwa, abbaa fira Fuwootaa ti;
NUM 26:24 Yaashub, abbaa fira Yaashubootaa ti; Shimroon, abbaa fira Shimroonotaa ti;
NUM 26:25 firri sanyii Yisaakorii kun laakkowamanee, dhiirti kuma jaatamii afurii fi dhibba sad teete.
NUM 26:26 Sanyiin Zebuloonii akka fira fira isaaniititti: Sered, abbaa fira Seredootaa ti; Eloon, abbaa fira Eloonotaa ti; Yaahile'el, abbaa fira Yaahile'elootaa ti;
NUM 26:27 firri sanyii Zebuloonii kun laakkowamanee, dhiirti kuma jaatamaa fi dhibba shan teete.
NUM 26:28 Sanyiin Yoseefii akka fira fira isaaniititti: Minaase'ee fi Efreem.
NUM 26:29 Sanyiin Minaase'ee: Maakiir, abbaa fira Maakiirotaa ti; Maakiir abbaa Giil'aadii ti. Giil'aad, abbaa fira Giil'aadotaa ti.
NUM 26:30 Sanyiin Giil'aadii: Yi'ezer, abbaa fira Yi'ezerootaa ti; Helek, abbaa fira Helekootaa ti;
NUM 26:31 Asrii'el, abbaa fira Asrii'elootaa ti; Sheekem, abbaa fira Sheekemootaa ti;
NUM 26:32 Shemiida, abbaa fira Shemiidotaa ti; Hefer, abbaa fira Heferootaa ti;
NUM 26:33 Zelofehaad ilmi Heferii ijoollee durraa malee, ilmaan dhiiraa hin qabuuyyu; maqaan ijoollee durraa Zelofehaad, Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a.
NUM 26:34 Firri sanyii Minaase'ee kun laakkowamanee, dhiirti kuma shantamii lamaa fi dhibba torba teete.
NUM 26:35 Sanyiin Efreemii akka fira fira isaaniititti: Shutela, abbaa fira Shutelootaa ti; Beker, abbaa fira Bekerootaa ti; Tahaan, abbaa fira Tahaanotaa ti;
NUM 26:36 Sanyiin Shutelaa: Eraan, abbaa fira Eraanotaa ti;
NUM 26:37 firri sanyii Efreemii kun laakkowamanee, dhiirti kuma soddomii lamaa fi dhibba shan teete. Isaan kun akka fira fira isaaniititti sanyii Yoseefii ti.
NUM 26:38 Sanyiin Beniyaaminii akka fira fira isaaniititti: Belaa'i, abbaa fira Belaa'otaa ti; Ashibel, abbaa fira Ashibelootaa ti; Ashiiraam, abbaa fira Ashiiraamotaa ti;
NUM 26:39 Shefufaam, abbaa fira Shefufaamotaa ti; Hufaam, abbaa fira Hufaamotaa ti;
NUM 26:40 Sanyiin Belaa'i Aardii fi Na'amaan; Aardi, abbaa fira Aardotaa ti; Na'amaan, abbaa fira Na'aamaanotaa ti.
NUM 26:41 Firri sanyii Beniyaaminii akka fira fira isaaniititti laakkowamanee, dhiirti kuma afurtamii shanii fi dhibba jaa teete.
NUM 26:42 Sanyiin Daanii akka fira fira isaaniititti: Shuhaam, abbaa fira Shuhaamotaa ti; firri sanyii Daanii isaan kana.
NUM 26:43 Isaan marti sanyii Shuhaamotaa ti; laakkossi isaanii, dhiirti kuma jaatamii afurii fi dhibba afuri.
NUM 26:44 Sanyiin Asheerii akka fira fira isaaniititti: Yiimnaa, abbaa fira Yiimnotaa ti; Yiishiwi abbaa fira Yiishiwootaa ti; Berii'a, abbaa fira Beriyootaa ti;
NUM 26:45 sanyiin Berii'aa: Heber, abbaa fira Heberootaa ti; Malkii'el, abbaa fira Malkii'elootaa ti;
NUM 26:46 Asheer intala, «Seraa» jedhantu qabaayyu.
NUM 26:47 Firri sanyiin Asheerii kun laakkowamanee, dhiirti kuma shantamii sadii fi dhibba afur teete.
NUM 26:48 Sanyiin Naftaalemii akka fira fira isaaniititti: Yaahize'el, abbaa fira Yaahize'elootaa ti; Guni, abbaa fira Gunotaa ti;
NUM 26:49 Yezer, abbaa fira Yezerootaa ti; Shiilem, abbaa fira Shiilemootaa ti.
NUM 26:50 Isaan kun sanyii fira Naftaalemii ti; laakkossi isaanii, dhiirti kuma afurtamii shanii fi dhibba afuri.
NUM 26:51 Dhiirti kolbaa Israa'elii laakkowantee wolumatti kuma dhibba jaa fi kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi soddoma teete.
NUM 26:52 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 26:53 «Akka laakkossa maqaa isaaniititti latti isaaniif qoodantuu ti.
NUM 26:54 Fira gudda'aaf lafa guddoo, fira diqqa'aaf lafa diqqoo kenniif; firri tokko tokkooyyuu akkuma laakkossa ifiititti lafa fudhatuu ti.
NUM 26:55 Latti hixaa buufatiisaan qoodantuu ti; isaan akkuma maqaa gosa abbootii isaanii ta duriititti fudhatanuu ti.
NUM 26:56 Qoodi lafaa sun fira gugurda'aa fi fira didiqqaa oddu'utti hixaa buufatiisaan te'uu ti» jedhe.
NUM 26:57 Laakkossi Lewwootaa akka fira fira isaaniititti: Gershoon, abbaa fira Gershoonotaa ti; Qehaati, abbaa fira Qehaatotaa ti; Meraari, abbaa fira Meraarotaa ti;
NUM 26:58 worri asii gad jirulle firuma Lewwootaa ti: fira Liibnaa'otaa, fira Heronootaa, fira Maahilootaa, fira Mushootaa, fira Qoraahotaa ti; Qehaati abbaa Amraamii ti;
NUM 26:59 maqaan niitii Amraamii Yokebeed; isiin intala sanyii Lewwi'ii ta biyya Gibxi'iititti dhalatte; isiin Aaron, Muuse'ee fi obboleettii isaanii Miiriyaam Amraamiif deette.
NUM 26:60 Aaron ilmaan afur Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar uumate.
NUM 26:61 Naadaabii fi Abiihuun ammoo ibidda hin ajajaminiin Mootii Waan Maraa duratti ciincaa yennaa dhikeessane du'ane.
NUM 26:62 Dhiirti Lewwootaa ka dhalatanee ji'a tokkootii fi ji'a tokkoo olii kuma diddamii sad; odduu Israa'eloota kaaniititti latti waan isaaniif hin kennaminiif, isaan Israa'eloota kaan woliin hin laakkowanne.
NUM 26:63 Isaan kun Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi fuullee Yeriko'oo cinaa laga Yordaanosiititti dirree Mo'aabii keessatti yennaa Israa'eloota laakkowane worra laakkowame.
NUM 26:64 Muuse'ee fi Aaroniin hayyichi lafa goomolee Siina'aa keessatti Israa'eloota yennaa laakkowane isaan kana keessaa nami tokkolle Israa'eloota laakkowamane san keessa hin jiru.
NUM 26:65 Mootiin Waan Maraa Israa'elooti sun goomolee keessatti akka dhumatanu waan itti himeeruuf, isaan keessaa Kaalebii ilma Yofuneetii fi Iyaasuu ilma nunii malee, nami tokkolle hin hanne.
NUM 27:1 Ijoolleen durraa ta Zelofehaadii: Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a. Zelofehaad ka Heferii, Hefer ka Giil'aadii, Giil'aad ka Maakiirii, Maakiir ka Minaase'ee, Minaaseen ka Yoseefii ti.
NUM 27:2 Ijoolleen durraa sun gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaxxee fuula Muuse'ee, fuula Ele'azaarii hayyichaa, fuula sooreyyi'iitii fi fuula wolde'a duudi'ii dura dhaabbattee,
NUM 27:3 «Abbaan keenna goomolee keessatti du'e. Inni worra Mootii Waan Maraa mormiisaaf wolitti qabame, golii Qoraahii keessa hin jiru; inni ilmaan adoo hin uumatin cubbuma ifiitiin du'e.
NUM 27:4 Ilma waan hin uumatiniif, maqaan abbaa keennaa fira isaa keessaa maaf bada ree? Fira abbaa keennaa oddu'utti lafa nuu kenna'a» jette.
NUM 27:5 Maarre Muuseen haajaa isaanii Mootii Waan Maraatitti dhikeesse;
NUM 27:6 Mootiin Waan Maraalle, isaan,
NUM 27:7 «Wonni ijoolleen durraa ta Zelofehaadii gaafatte sirri'i; odduu fira abbaa isaaniititti lafa isaaniif kenni; dhaalli abbaa isaanii gara isaanii akka dabaru godhi.
NUM 27:8 Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko ilma adoo hin uumatin yoo du'e, ijoolleen durraa ta isaa karra isaa akka dhaaltu godha'a.
NUM 27:9 Inni yoo ijoollee durraalle hin qabaatin, karra isaa obboleeyyan isaatiif kenna'a.
NUM 27:10 Inni yoo obboleeyyan hin qabaatin, obboleeyyan abbaa isaatiif kenna'a.
NUM 27:11 Abbaan isaa yoo obboleeyyan hin qabaatin, karra isaa fira aantii isaatiif kenna'a; inni dhaaluu ti; akkuma ani Mootiin Waan Maraa si ajaje, kun kolbaa Israa'eliif qajeelfama seeraa te'uu ti› jedhi» jedhe.
NUM 27:12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gaara Abaariimii kana irratti ol bayiitii, lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kenne ilaali.
NUM 27:13 Ati isii dhaggiteen duuba, akkuma obboleessi keeti Aaron du'e, atille hin duuta;
NUM 27:14 sababille yennaa kolbaan bisaan goomolee Ziinii keessaa biratti na finqilte, isin lamaanuu ila isaanii duratti ana woyyoonsuu diddanee ajaja kiyyaaf ajajamuu diddaneertan. Bisaan kun Bisaan Mariiba'aa ka Qaadesh keessaa ka goomolee Ziinii keessaa ti» jedhe.
NUM 27:15 Muuseen Mootii Waan Maraatiin,
NUM 27:16 «Ee Mootiin Waan Maraa, Waaqa jiruu nama maraa, kolbaa tana irratti nama tokko fili!
NUM 27:17 Innille kolbaan teeti akka hoolee tissee hin qannee akka hin teene, isaaniin dura ka deemu, ka isaaniin dura gad bayuu fi ka isaaniin dura ol seenu, ka gad isaan baasuu fi ka ol isaan galchu» jedhe.
NUM 27:18 Maarre Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Iyaasuu ilma Nunii, nama Ayyaanni keessa jiru fuudhiitii, harka keeti isa irra keyi;
NUM 27:19 Ele'azaarii hayyichaa fi wolde'a duudii dura dhaabbachiisiitii, hujii inni itti gaafatamu kana isaan duratti itti kenni.
NUM 27:20 Wolde'i Israa'elii duudiin akka isaaf ajajamu, baallii teeti irraa garii isaaf kenni.
NUM 27:21 Inni fuula Ele'azaarii hayyichaa, ka karaa Uriimiitiin fedhii tiyya beeku dura dhaabbatuu ti; akkuma ajaja hayyichaatitti, Iyaasu'uu fi wolde'i Israa'elii duudiin bayanee galanuu ti» jedhe.
NUM 27:22 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe. Inni Iyaasuu fuudhee fuula Ele'azaarii hayyichaatii fi fuula wolde'a Israa'elii duudii dura dhaabbachiise.
NUM 27:23 Achiin duuba harka ifii isa irra keyee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje hujii inni itti gaafatamu itti kenne.
NUM 28:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 28:2 «Ati Israa'eloota ajajiitii: Kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamee naaf dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka na gammachiisu, yennaa isaatitti akka naaf dhikeessanu itti himi.
NUM 28:3 «Kennansi ibiddaan gubamee guyyuma guyya'aan isin naaf dhikeessitanu kana: buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta fafa hin qanne, ta woggaa tokko tokkoo lama kennansa gubamu,
NUM 28:4 buruusoo korbeeyyii hoole'ee tokkocha ganama, kaan galgala,
NUM 28:5 tokko tokkoo isaanii woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa gara kiiloogiraama tokkoo, ta zayitii ejersaa litirii tokkoon sukkuumame dhikeessa'a.
NUM 28:6 Kun kennansa guyyuma guyya'aan gubamu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu, seera kennansa ibiddaan gubamee naaf dhikaatu ka gaara Siina'aa irratti jalqabame.
NUM 28:7 Buruusa korbeessa hoole'ee ka qaraa woliin daadhii woyni'ii ta macheessitu litirii tokko dhikeessa'a. Daadhii woyni'ii san addee Woyyittii irratti ana Mootii Waan Maraatiif dhibaasa'a.
NUM 28:8 Buruusa korbeessa hoole'ee ka lammeesso'oolle akkuma ka ganamaa dhikeessitane san kennansa daadhii woyni'iitii fi kennansa midhaanii woliin galgala dhikeessa'a. Kun kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
NUM 28:9 «Guyyaa Sanbataa buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo ta fafa hin qanne lama, daadhii woyni'iitii fi kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaatiin sukkuumante woliin dhikeessa'a.
NUM 28:10 Kun kennansa Sanbata mara gubamu, ka kennansa daadhii woyni'iitii fi kennansa guyyuma guyya'aan gubamu irratti dabalamee dhikaatu.
NUM 28:11 «Ji'uma ji'aan guyyaa qaraa kennansa gubamu dardaroota fafa hin qanne lama, korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokkoo fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne torba ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
NUM 28:12 Akkasuma dardara tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee tokko woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama lama ta zayitii ejersaatiin sukkuumante,
NUM 28:13 buruusoo korbeeyyii hoole'ee tokko tokkooyyuu woliin, kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama tokko ta zayitii ejersaatiin sukkuumante dhikeessa'a; kun kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
NUM 28:14 Dardaroota tokko tokkooyyuu woliin kennansa daadhii woyni'ii litirii lama, korbeessa hoole'ee tokko woliin daadhii woyni'ii litirii tokkoo fi wodhakkaa, buruusoo korbeeyyii hoole'ee woliin daadhii woyni'ii litirii tokko dhikeessa'a; kun baatii ji'uma ji'aatitti, kennansa gubamu ka woggaa guutuu dhikaatu.
NUM 28:15 Kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan daadhii woyni'ii woliin dhikaatu woliin araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a.
NUM 28:16 «Jilti Irra Dabaramaa ta ana Mootii Waan Maraa, ji'a qaraa guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti teetuu ti.
NUM 28:17 Ji'a kana guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti jila jilifadha'a; guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadha'a.
NUM 28:18 Guyyaa qaraa yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a.
NUM 28:19 Dardara lama ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif qopheessa'a.
NUM 28:20 Dardaroota tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee tokko woliin bullaa dansaa kiiloogiraama lama dhikeessa'a;
NUM 28:21 buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba tokko tokkooyyuu wolille'een bullaa dansaa kiiloogiraama tokko ta zayitii ejersaatiin sukkuumante dhikeessa'a.
NUM 28:22 Itti dabala'aatii kennansa araaraa cubbuu teessaniitiif, korbeessa re'e'ee tokko gumaa dhikeessa'a.
NUM 28:23 Isaan kana kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan ganama ganama dhikaatu irratti dabala'aatii dhikeessa'a.
NUM 28:24 Akka kanaan, kennansa sagale'ee ka ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu, guyyaa torbaaf guyyuma guyya'aan dhikeessa'a. Kun kennansa daadhii woyni'iitii fi kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan dhikaatu irratti dabalamee dhikaata.
NUM 28:25 Guyyaa torbeesso'oo yaa'ii woyyittii godha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a.
NUM 28:26 «Guyyaa midhaan matoomaa galfatanu, kennansa midhaan haareyaa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessitanu, jila teessan ta torbaan torbaatitti, yaa'ii woyyittii godha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a.
NUM 28:27 Dardara lama, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
NUM 28:28 Dardaroota tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee woliin bullaa dansaa kiiloogiraama lama,
NUM 28:29 buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa kiiloogiraama tokko ta zayitii ejersaatiin sukkuumante dhikeessa'a.
NUM 28:30 Itti dabala'aatii gumaa cubbuu teessaniitiif, korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
NUM 28:31 Kun kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aan dhikaatuu fi kennansa midhaanii ka isaanii irratti dabalamee dhikaatuu ti. Horiin dhikeeffame kun ka fafa hin qanne akka te'e hubadha'a.
NUM 29:1 «Ji'a torbeesso'oo guyyaa qaraa yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. Guyyaan sun guyyaa isin tultullaa afuuttanu.
NUM 29:2 Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
NUM 29:3 Dardara san woliin kennansa midhaanii bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee san woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama,
NUM 29:4 buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba san tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko qopheessa'a.
NUM 29:5 Itti dabala'aatii kennansa araaraa cubbuu teessaniitiif, korbeessa re'e'ee tokko gumaa qopheessa'a.
NUM 29:6 Kun kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaan woliin dhikaatu woliin akkuma seera tumameetitti kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aa fi ji'uma ji'aan dhikaatutti dabalamanee, kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
NUM 29:7 «Ji'a torbeesso'oo kana keessa guyyaa kudhaneesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a. Guyyaa san ifi gad qaba'a; ijjumaa hujiille hin hujina'a.
NUM 29:8 Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
NUM 29:9 Dardara san woliin kennansa midhaanii, bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama,
NUM 29:10 buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitiin ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko dhikeessa'a.
NUM 29:11 Gumaa kennansa araaraa cubbu'uutiif kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaanii ka isaatii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaaniititti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
NUM 29:12 «Ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa kudhanii shaneesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee guyyaa san ijjumaa hujii hin hujina'a; jila guyyaa torbaa ana Mootii Waan Maraatiif jilifadha'a.
NUM 29:13 Dardaroota kudhanii sad ka fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
NUM 29:14 Dardaroota kudhanii sad tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeeyyii hoole'ee lama tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama,
NUM 29:15 buruusoo korbeeyyii hoole'ee kudhanii afur tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko tokko dhikeessa'a.
NUM 29:16 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
NUM 29:17 «Guyyaa lammeesso'oo dardaroota kudhanii lama ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
NUM 29:18 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
NUM 29:19 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaanii ka isaatii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
NUM 29:20 «Guyyaa sadeesso'oo dardaroota kudhanii tokko ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
NUM 29:21 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
NUM 29:22 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
NUM 29:23 Guyyaa arfeesso'oo dardaroota kudhan ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
NUM 29:24 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
NUM 29:25 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
NUM 29:26 «Guyyaa shaneesso'oo dardaroota sagal ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
NUM 29:27 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
NUM 29:28 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
NUM 29:29 «Guyyaa jayeesso'oo dardaroota saddeeti ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
NUM 29:30 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
NUM 29:31 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
NUM 29:32 «Guyyaa torbeesso'oo dardaroota torba ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a.
NUM 29:33 Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
NUM 29:34 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
NUM 29:35 «Guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a.
NUM 29:36 Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a.
NUM 29:37 Dardara san, korbeessa hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a.
NUM 29:38 Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
NUM 29:39 «Isin jila teessan ta beekkante irratti, waan waadaa galtanee fi kennansa fedhii teessaniin dhikeessitanu irratti dabaltanee kennansa keessan ka gubamu, kennansa keessan ka midhaanii, kennansa keessan ka daadhii woyni'iitii fi kennansa keessan ka tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif qopheessa'a» jedhe.
NUM 29:40 Muuseen waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje mara Israa'elootatti hime.
NUM 30:1 Muuseen sooreyyii gosa Israa'eliitiin, «Wonni Mootiin Waan Maraa ajaje ka asii gad jiru:
NUM 30:2 Kunille, ‹Nami tokko waan tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa yoo gale yookiin waan tokko akka hin gooneef yoo kakate, waan jedhe san mara godhuu qaba malee, jecha ifii san diiguu hin qabu.
NUM 30:3 « ‹Intalti durraa adoo mana abbaa ifii jirtuu waan tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa yoo galte yookiin waan tokko godhiisaaf yoo kakatte,
NUM 30:4 abbaan isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin kakatte san muummessuu qaddi.
NUM 30:5 Abbaan isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee, waadaa ifii akka isiin hin muummessine yoo isii morme ammoo, waadaa san muummessiisaaf dirqama hin qaddu; akka isiin waadaa ifii hin muummessine, abbaan isi'ii waan isii dhooggeef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama.
NUM 30:6 « ‹Dubartiin hin heerumin takka waadaa yoo galte yookiin yaada-malee waan tokko akka hin gooneef kakatteen duuba yoo heerumte,
NUM 30:7 dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi.
NUM 30:8 Dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo isii morme ammoo, muummessiisaaf dirqama hin qaddu; waadaa isi'ii akka hin muummessine ka dhoogge dhirsa isi'ii waan te'eef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama.
NUM 30:9 « ‹Haati hiyyeessaa takka yookiin dubartiin dhirsi lakkiseeru takka waan waadaa galte yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi.
NUM 30:10 « ‹Dubartiin heerumteertu takka yoo waadaa galte yookiin waan tokko godhiisaaf yoo kakatte,
NUM 30:11 dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi.
NUM 30:12 Dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee guyyuma san yoo isii morme ammoo, muummessiisaaf dirqama hin qaddu; waadaa isi'ii akka hin muummessine ka dhoogge dhirsa isi'ii waan te'eef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama.
NUM 30:13 Dhirsi isi'ii waadaa isiin galte san yookiin waan godhiisaaf isiin kakatte san mara eeyyamiisaaf yookiin mormiisaaf mirga qaba.
NUM 30:14 Te'uu malee, dhirsi isi'ii guyyaa dhage'een jalqabee yoo cadhise, waan waadaa galtee fi waan kakatte san muummessuu qaddi; inni guyyaa dhage'een jalqabee waan cadhiseef, eeyyamuu ifii mirkaneesseera.
NUM 30:15 Te'uu malee, inni dhage'ee guyyaa diqqa'aan duuba yoo moromaa kaase, isiin yoo waadaa ifii hin muummessin isatti itti gaafatama› ka jedhu» jedhe.
NUM 30:16 Tokkummaa dhirsaa fi niitii wodhakkaa jiru, abba'aa fi intalti durraa ta mana abbaa ifii jirtu wodhakkaa jiru ilaalchisee seerati Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje kana.
NUM 31:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 31:2 «Marroo Israa'elootaatiif, worra Miidiyaanota haluu bayi; achiin duuba, ati hin duuta» jedhe.
NUM 31:3 Maarre Muuseen, kolba'aan, «Worra Miidiyaanotaa dhaqanee lolanee, haluu Mootii Waan Maraa akka bayanu, isin keessaa nama garii lolaaf qopheessa'a.
NUM 31:4 Gosa Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa dhiira kuma tokko tokko gara lolaa erga'a» jedhe.
NUM 31:5 Maarre gosa Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa dhiirti kum tokko tokko filantee, wolumatti dhiirti kum kudhanii lama lolaaf qophootte.
NUM 31:6 Muuseen gosa tokko tokkooyyuu keessaa dhiira kuma tokko tokko, Fiinehaasii ilma Ele'azaarii hayyichaa ka meya addee woyyitti'iitii fi tultullaa lolaaf ittiin dammassanu harkatti qabateeru woliin gara lolaa erge.
NUM 31:7 Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, worra Miidiyaanotaa lolanee dhiira mara ijjeesane.
NUM 31:8 Worra isaan ijjeesane san keessa moototi worra Miidiyaanotaa shanan Ewii, Reqem, Zuur, Huurii fi Rebaalle hin jiran. Isaan Bala'aamii ilma Be'oriille shallaaga'aan ijjeesane.
NUM 31:9 Israa'elooti dubartoota worra Miidiyaanotaatii fi ijoollee isaanii booji'anee loon isaanii mara, hoole'ee fi re'ee isaaniitii fi karra isaanii mara saamanee fudhatane.
NUM 31:10 Qacha'aa fi addee quttuma isaanii maralle gubane.
NUM 31:11 Isaan waan booji'anee fi saamane mara namaa fi horii fuudhane.
NUM 31:12 Achiin duuba isaan waan booji'anee fi waan saamane laga Yordaanosiitiin gama, fuullee Yeriko'ootitti, dirree Mo'aabiititti addee isaan qubataneeranutti gara Muuse'ee fi Ele'azaarii hayyichaa, akkasuma gara wolde'a Israa'elootaa fidane.
NUM 31:13 Muuseen, Ele'azaariin hayyichii fi sooreyyiin wolde'aa marti loltoota qophatiisaaf addee quttumaa keessaa alatti bayane.
NUM 31:14 Muuseen ajajjoota loltootaa ka te'ane ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa worra lola irraa deebi'anetti aare.
NUM 31:15 Inni, «Isin dubartooti martinuu akka lubbu'uun hafanu maaf gootane?
NUM 31:16 Isaan kun gorsa Bala'aamii fudhatanee, Phe'oritti Israa'elooti Mootii Waan Maraa akka lakkittuu fi balaan kolbaa Mootii Waan Maraatitti akka bu'u worra godhe.
NUM 31:17 Maarre amma ijoollee dhiiraa maraa fi dubartoota dhiira woliin rafaneeranu mara ijjeesa'a.
NUM 31:18 Durra dhiira woliin rattee hin beenne ammoo ifiif hamburadha'a.
NUM 31:19 Isin worri nama ijjeettane yookiin reeffa tuxxane marti guyyaa torba addee quttumaatiin ala turuu qaddan. Guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo ifii fi dubartoota booji'attanelle qulqulleessa'a.
NUM 31:20 Woyaa maraayyuu, waan goga'aa fi rifeensa re'e'ee irraa hujame mara yookiin waan muka irraa hujame mara qulqulleessa'a» jedhe.
NUM 31:21 Ele'azaariin hayyichi, loltoota lola irraa deebi'aneen, «Ajaji seeraa ka Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje ka asii gad jiru:
NUM 31:22 Worqii, meetii, sageettuu, sibiila, qorqooroo, irsaasa,
NUM 31:23 waan ibiddi hin gunne mara ibidda keessa dabarsa'aatii qulqulleessa'a. Te'uu malee bisaan ittiin qulqulleessiisaalle'een qulleessuu qaddan. Wonni ibiddi gubu marti bisaan ittiin qulqulleessiisaa keessa dabarsa'aatii qulleessa'a.
NUM 31:24 Guyyaa torbeesso'oo woyaa teessan dhiqadha'a; isin qulluu hin teetan. Achiin duuba gara addee quttumaa gala'a» jedhe.
NUM 31:25 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 31:26 «Atii fi Ele'azaariin hayyichi, sooreyyii kolba'aa woliin waan boojitane mara, namootaa fi horiille laakkowa'a.
NUM 31:27 Boojuu san worra loltootaatii fi kolba'aaf addee lamatti qooda'a.
NUM 31:28 Qooda loltootaa irraa namoota keessaa, loon keessaa, harree keessaa, hoole'ee fi re'ee keessaa dhibba shan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif qooda adda baasi.
NUM 31:29 Ana Mootii Waan Maraatiif kennansa addaa godhiitii, Ele'azaarii hayyichatti kenni.
NUM 31:30 Qooda Israa'elootaa irraa namoota keessaa, loon keessaa, harree keessaa, hoole'ee fi re'ee keessaa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwoota worra itti gaafatantoota dunkaanii dhugaa bayaa tiyya keessa tajaajilanuuf kenni» jedhe.
NUM 31:31 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi akkuma Mootii Waan Maraa Muusee ajaje godhane.
NUM 31:32 Boojuu loltooti fudhatte irraa ka hafe hoolee 675,000,
NUM 31:33 loon 72,000,
NUM 31:34 harree 61,000
NUM 31:35 fi durra dhiira woliin rattee hin beenne 32,000.
NUM 31:36 Qoodi worra lola dhaqee deebi'ee, hoolee 337,500;
NUM 31:37 isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame hoolee 675.
NUM 31:38 Loon 36,000; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame loon 72.
NUM 31:39 Harreen 30,500; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame harree 61.
NUM 31:40 Namooti 16,000; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame namoota 32;
NUM 31:41 Muuseen qooda Mootii Waan Maraatiif baafame san akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje Ele'azaarii hayyichatti kenne.
NUM 31:42 Qoodi Israa'elootaa, ka Muuseen worra lola dhaqee deebi'ee san irraa adda baase:
NUM 31:43 qoodi kolba'aa hoolee 337,500;
NUM 31:44 loon 36,000;
NUM 31:45 harree 30,500
NUM 31:46 fi durra dhiira woliin rattee hin beenne 16,000.
NUM 31:47 Muuseen qooda Israa'elootaa irraa namoota keessaa, horii keessalle'ee shantama keessaa tokko fuudhee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Lewwoota itti gaafatantoota dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa keessa tajaajilanuuf kenne.
NUM 31:48 Achiin duuba ajajjoota loltootaa ka te'ane ajajjooti kumaatii fi ajajjooti dhibbaa gara Muuse'ee dhaqanee,
NUM 31:49 «Nuuti tajaajiltooti teeti, loltoota ajaja keenna jala jiranu laakkonneerra; isaan keessaa tokkolle ka dhidhate hin jiru.
NUM 31:50 Maarre nuuti Mootii Waan Maraa duratti gumaa cubbuu teennaa tolchiisaaf, waan nami tokko tokkooyyuu dhaggate meya worqii irraa hujame: irmuura miilaa, irmuura harkaa, qubee qubaa, qubee gurraatii fi dooqa mormaa kennansa Mootii Waan Maraatiif finneerra» jedhane.
NUM 31:51 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi faaya meya worqii irraa hujamee san mara isaan irraa fuudhane.
NUM 31:52 Worqiin ajajjooti kumaatii fi ajajjooti dhibbaa Mootii Waan Maraatiif fidane wolumatti gara kiiloogiraama dhibba lamaa teete.
NUM 31:53 Loltooti tokko tokkooyyuu waan saamane ifumaaf fudhataneeran.
NUM 31:54 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi worqii ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa irraa fuudhane san, kolbaan Israa'elii, Mootii Waan Maraa duratti akka ittiin yaadatantu gara Dunkaanii Woldeenna'aa fidane.
NUM 32:1 Sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii horii bacaa qabaniiyyu; isaan latti Yaazeriitii fi latti Giil'aadii lafa hori'iif toltu akka teete dhaggane.
NUM 32:2 Maarre isaan gara Muuse'ee, gara Ele'azaarii hayyichaatii fi gara sooreyyii kolba'aa dhufanee,
NUM 32:3 «Ataaroti, Diibon, Yaazer, Niimraa, Heshiboon, Ele'aale, Sebaam, Neboonii fi Be'on,
NUM 32:4 latti Mootiin Waan Maraa akka Israa'elooti qabatanu godhe tun hori'iif dansa'a; nuuti tajaajiltooti teeti horii bacaa qanna.
NUM 32:5 Fuula keeti duratti fudhatama dhaggannee yoo jiraanne, lafa tana nu tajaajiltoota teetiif kenni malee, laga Yordaanosii gamatti akka buunu hin godhin» jedhane.
NUM 32:6 Muuseen ammoo sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiin, «Isin as teettanuun kolbaan biyya teessanii Israa'elooti lolaaf deemanii ree?
NUM 32:7 Kolbaan biyya teessanii Israa'elooti laga Yordaanosii gamatti buutee, lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kennetti akka hin galle maaf addii kutachiittan ree?
NUM 32:8 Lafa akka dooyanuuf abbootii teessan Qaadesh-Barnee irraa yennaa ani erge, isaanille akkasuma godhane.
NUM 32:9 Isaan haga dhooqa Eshikolii dhaqanee, lafa ilaalaneen duuba, Israa'elooti gara lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kenneeru sanitti akka hin galle addii kutachiisane.
NUM 32:10 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa guddoo aaree, kakatee,
NUM 32:11 ‹Namooti biyya Gibxi'iitii bayane worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii gadhaa tokkochaan na gula waan hin deeminiif, isaan keessaa nami tokkolle lafa ani Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale hin dhagganu.
NUM 32:12 Kaalebii ilma Yofunee Qenazichaatii fi Iyaasuu ilma Nunii worra gadhaa tokkochaan na gula deemane malee, isaan keessaa nami tokkolle hin dhaggu› jedhe.
NUM 32:13 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti guddoo aaree, dhalooti fuula Mootii Waan Maraa duratti hantuu hujane sun haga dhumatanutti, kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa akka joonjitu godhe.
NUM 32:14 Isinille amma sanyiin namoota cubbaaleyyi'ii, addee abbootii teessanii buutanee, Mootiin Waan Maraa irra caalaa kolbaa Israa'eliititti akka aaru gootan.
NUM 32:15 Isin sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii isa hordofiisa irraa yoo deebitane, inni ammalle goomolee keessatti kolbaa tana hin lakkisa; isin badii isaaniitiif sababa hin teetan» jedhe.
NUM 32:16 Achiin duuba isaan gara Muuse'ee dhufanee, «Asitti horii keennaaf moonaa, ijoollee teennaa fi dubartoota teennaaf qachaa ijaaruu feena.
NUM 32:17 Te'uu malee, haga addee isaaniitiin isaan geennutti hidhannee Israa'eloota golii teennaa dura aannee loliisaaf qophoonneerra; yennaa san kolbaan lafa tana keessa leetu ijoollee teenna akka hin miine, ijoolleen teenna qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame keessa hin le'an.
NUM 32:18 Israa'elooti marti lafa ifii haga dhaalanutti nuuti gara mana keennaa hin deebinu.
NUM 32:19 Nuuti laga Yordaanosii irraa gara aduun baatutti lafa waan fudhanneef, laga Yordaanosiitiin gama lafa isaan woliin qoodannu hin qannu» jedhane.
NUM 32:20 Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Isin tana yoo gootane, lola dhaqiisaaf Mootii Waan Maraa duratti yoo qophoottane,
NUM 32:21 haga inni diinota ifii fuula ifii duraa oofee baasutti, isin worri meya lolaa hidhatee lolaaf qophootaneertanu martinuu fuula Mootii Waan Maraa dura laga Yordaanosii gamatti yoo buutane,
NUM 32:22 yennaa latti sun harka Mootii Waan Maraa jala galte, isin deebi'uu hin dandeettan. Mootii Waan Maraatii fi Israa'elootaafille akka gootanu waan isin irraa barbaadamu muummessitaneertan. Latti sunille fuula Mootii Waan Maraa duratti teessan hin teeti.
NUM 32:23 Isin waan kana yoo hin godhin ammoo, Mootii Waan Maraa irratti cubbuu hujjan; cubbuun teessan akka isin qabattu beeka'a.
NUM 32:24 Ijoollee teessanii fi dubartoota teessaniifille qachaa, hoole'ee fi re'ee teessanille'eef gooree ijaara'a; ammoo waan waadaa galtane muummessa'a» jedhe.
NUM 32:25 Achiin duuba sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii, Muuse'een, «Nuuti tajaajiltooti teeti, akka ati goottaan keenna ajajje hin goona.
NUM 32:26 Ijoolleen teenna, dubartooti teenna, loon keennaa fi horiin keenna marti as qachoota Giil'aadii keessatti hin hafan.
NUM 32:27 Nuuti tajaajiltooti teeti ammoo worri lolaaf qophoonne marti akkuma ati jette, Mootii Waan Maraa duratti, loliisaaf laga Yordaanosii gamatti buuna» jedhane.
NUM 32:28 Maarre Muuseen marroo isaaniitiif Ele'azaarii hayyicha, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyii gosa Israa'elii ajajee,
NUM 32:29 «Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii Mootii Waan Maraa duratti lolaaf qophowanee, isin woliin laga Yordaanosii bu'anee, lafa san yoo qabatane, lafa Gaal'aadii isaaniif kenna'a.
NUM 32:30 Isaan ammoo lolaaf hidhatanee isin woliin laga Yordaanosii gamatti yoo hin bu'in, isinuma woliin lafa Kana'aanii keessatti latti qooda isaanii isaaniif kennantuu ti» jedhe.
NUM 32:31 Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti akkuma Mootiin Waan Maraa ajaje hin goona.
NUM 32:32 Nuuti lolaaf hidhannee, Mootii Waan Maraa duratti, gara lafa Kana'aanii gamatti hin buuna, latti nuuti fudhannu ammoo as laga Yordaanosiitiin gamana hin teeti» jedhane.
NUM 32:33 Achiin duuba Muuseen mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaatii fi mootummaa Oogii mootii Baashaanii, lafa duudii qachoota isi'ii woliin, biyya adaala qachootaa woliin, sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiif, gamisa sanyii Minaasee ilma Yoseefiitiifille kenne.
NUM 32:34 Sanyiin Gaadii qachoota dalleenni dhaka'a itti ijaarame Diibon, Ataarot, Aro'er,
NUM 32:35 Atrot-Shofaan, Yaazer, Yogbehaa,
NUM 32:36 Bet-Niimra'aa fi Bet-Haaraan deebisanee ijaaranee, hoole'ee fi re'ootaafille gooree ijaarane.
NUM 32:37 Sanyiin Ruubenii qachoota: Heshiboon, Ele'aale, Kiriiyat-Aayim,
NUM 32:38 qachoota maqaan isaanii jijjiirame Nebo'oo fi Ba'aal-Me'on, Siibmaalle deebisanee ijaarane. Isaan qachoota deebisanee ijaarane kana maqaa baasane.
NUM 32:39 Sanyiin Maakiirii ilma Minaase'ee dhaqanee lafa Giil'aadii qabatanee, worra Amoorotaa ka achi jiranu ari'ane.
NUM 32:40 Maarre Muuseen lafa Giil'aadii sanynii Maakiirii ilma Minaase'eetiif kennee, isaanille achi le'ane.
NUM 32:41 Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir olloota isaanii qabatee, «Olloota Yaa'iirii» jedhee moggaase.
NUM 32:42 Nobaalle dhaqee Qenaatii fi olloota adaala isi'ii qabatee, «Nobaa» jedhee maqaa ifiitiin moggaase.
NUM 33:1 Israa'elooti akka gosa gosa ifiitiin Muuse'ee fi Aaroniin sooreffamaa biyya Gibxi'iitii yennaa bayane, addeen isaan itti quqqubataa ideemane asii gad jirti.
NUM 33:2 Akkuma ajaja Mootii Waan Maraatitti addeen isaan quqqubataa ideemane ta Muuseen barreessee asii gad jirti.
NUM 33:3 Kolbaan Israa'elii ji'a qaraa keessa, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, Jila Irra Dabaramaatiin boruyyaa, worri Gibxi'ii duudiin adoo isaan dhagganuu, gadhaa jabeennaan qachaa Raamsesiitii ka'anee deemane.
NUM 33:4 Yennaa san worri Gibxi'ii ilmaan ifii angafoota Mootiin Waan Maraa ijjeese awwaaliisatti jiraniiyyu. Mootii Waan Maraa waaqota isaanii irralle'etti mureeraayyu.
NUM 33:5 Israa'elooti qachaa Raamsesiitii ka'anee Suukoot qabatane.
NUM 33:6 Suukootii ka'anee, cinaa goomole'ee Etaamii qubatane.
NUM 33:7 Etaamii ka'anee, Phiihahiirot ta Baa'el-zefon irraa gara aduun baatu jirtutti gara duubaa deebi'anee, Miigdol fuula dura qubatane.
NUM 33:8 Phiihahiirotii ka'anee, abbaayaa diintuu keessa dabaranee, gara goomolee taranee, karaa guyyaa sadii goomolee Etaamii keessaa deemanee Maaraa qubatane.
NUM 33:9 Maaraa ka'anee, addee maddi bisaanii kudhanii lamaa fi meexxiin torbaatam jirtu Eliim qubatane.
NUM 33:10 Eliimii ka'anee, abbaayaa diintuu bira qubatane.
NUM 33:11 Abbaayaa diintuu biraa ka'anee, goomolee Siinii keessa qubatane.
NUM 33:12 Goomolee Siiniitii ka'anee Dofqaa qubatane.
NUM 33:13 Dofqa'aa ka'anee Aluushi qubatane.
NUM 33:14 Aluushii ka'anee, addee bisaan kolbaan untu hin jirre Refiidiim qubatane.
NUM 33:15 Refiidiimii ka'anee, goomolee Siina'aa keessa qubatane.
NUM 33:16 Goomolee Siina'aatii ka'anee, Kibrot-hataawaa qubatane.
NUM 33:17 Kibrot-hataawa'aa ka'anee Haseroot qubatane.
NUM 33:18 Haserootii ka'ane Riitmaa qubatane.
NUM 33:19 Riitma'aa ka'anee Rimoon-Faares qubatane.
NUM 33:20 Rimoon-Faaresii ka'anee Liibnaa qubatane.
NUM 33:21 Liibna'aa ka'anee Riisaa qubatane.
NUM 33:22 Risa'aa ka'anee Qehelaataa qubatane.
NUM 33:23 Qehelaata'aa ka'anee gaara Shaaferii qubatane.
NUM 33:24 Gaara Shaaferiitii ka'anee Haraadaa qubatane.
NUM 33:25 Haraada'aa ka'anee Maqhelot qubatane.
NUM 33:26 Maqhelotii ka'anee Taahaati qubatane.
NUM 33:27 Taahaatii ka'anee Taaraa qubatane.
NUM 33:28 Taara'aa ka'anee Miitqaa qubatane.
NUM 33:29 Miitqa'aa ka'anee Haashmoonaa qubatane.
NUM 33:30 Haashmoona'aa ka'anee Moserooti qubatane.
NUM 33:31 Moserootii ka'anee Beneyaa'aakaan qubatane.
NUM 33:32 Beneyaa'aakaanii ka'anee Hoor-Haagidgaadi qubatane.
NUM 33:33 Hoor-Haagidgaadii ka'anee Yoxbaataa qubatane.
NUM 33:34 Yoxbaata'aa ka'anee Abronaa qubatane.
NUM 33:35 Abrona'aa ka'ane Eziyon-Geberi qubatane.
NUM 33:36 Eziyon-Geberii ka'anee goomolee Ziinii keessa Qaadeshi qubatane.
NUM 33:37 Qaadeshii ka'anee meessaa lafa Edoomii gaara Hoorii irra qubatane.
NUM 33:38 Aaroniin hayyichi ajaja Mootii Waan Maraatiin gara gaara Hoorii ol baye; Israa'elooti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba woggaa afurtameesso'oo keessa, ji'a shaneesso'oo guyyaa qaraa achitti du'e.
NUM 33:39 Aaron gaara Hoorii irratti yennaa du'e san woggaan isaa dhibba tokkoo fi diddamii sad.
NUM 33:40 Mootichi Araadii Kana'aanichi, ka goomolee kibba kana'aanii keessa le'u, dhufiisa Israa'elootaa dhage'e.
NUM 33:41 Isaan gaara Hooriitii ka'anee Xalmonaa qubatane.
NUM 33:42 Xalmona'aa ka'anee Fuunon qubatane.
NUM 33:43 Fuunonii ka'anee Obooti qubatane.
NUM 33:44 Obootii ka'anee meessaa Mo'aabii irra Iyye-Abaariim qubatane.
NUM 33:45 Iyye-Abaariimii ka'anee Diibon-gaad qubatane.
NUM 33:46 Diibon-gaadii ka'anee Almoon-diiblaataayimi qubatane.
NUM 33:47 Almoon-diiblaataayimii ka'anee gaara Neboo fuula dura, gaarota Abaariimii irra qubatane.
NUM 33:48 Gaarota Abaarimiitii ka'anee fuullee Yeriko'oo cinaa laga Yordaanosii dirree Mo'aabii keessa qubatane.
NUM 33:49 Achi laga Yordaanosii bira dirree Mo'aabii keessa Bet-yeshiimoot irraa haga Abeel-shiixiimiititti qubatane.
NUM 33:50 Yerikoo fuula dura, laga Yordaanosii bira, dirree Mo'aabii keessa adoo jiranuu, Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbatee,
NUM 33:51 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Laga Yordaanosii gamatti buutanee, gara lafa Kana'aanii yennaa seentanu,
NUM 33:52 nama lafa san irra jiru mara ifi duraa baasa'a; waaqota dharaa fakkii bocantee hujantee fi fakkii baqisiifantee hujante mara balleessa'a; addee waaqonfannaa isaaniille mara diiga'a.
NUM 33:53 Lafa san akka qabattanuuf, ani waan isinii kenneeruuf, lafa san fudhadha'aatii keessa le'a'a.
NUM 33:54 Akkuma fira fira keessaniititti lafa san hixa'aan qoodama'a; fira gudda'aaf, lafa guddoo, fira diqqa'aaf, lafa diqqoo kenna'a; nama tokko tokkoofuu akkuma hixaan isaaf bu'etti latti isaaf hin teeti; akkuma fira abbootii teessan ta duriititti lafa fudhadha'a.
NUM 33:55 Worra lafa san keessa le'u ariitanee yoo hin baasin ammoo, worri isin hamburtane sun, ila teessaniif akka fadhaanaa, cinaacha keessaniif akka qore'ee hin te'an. Lafa isin keessa leetanu mara keessatti isin hin rakkisan.
NUM 33:56 Anille waan isaan irratti godhiisaaf yaadadhe, isin irratti hin godha› jedhiin» jedhe.
NUM 34:1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 34:2 «Ati Israa'elootaan, ‹Lafa Kana'aanii ta ani isinii kennu sanitti yennaa galtane, meessaan isi'ii:
NUM 34:3 Gara kibbaatiin goomolee Ziinii ta meessaa Edoomii jirtu irraa lafa diqqoo dabalata. Gara aduun baatuun, meessaan keessan ka gara kibbaa irga abbaayaa sooddaa irraa ka'a.
NUM 34:4 Achiin duuba gara Aqrabiimii ol qabatee gara kibbaa deebi'ee, Ziin keessa dabaree gara kibbaatiin haga Qaadesh-Barna'aa ti. Achiin duuba karaa Haazar Adaarii dhaqee gara Azmoona'aa dabara.
NUM 34:5 Azmoon irraa ka'ee gara laga Gibxi'ii deebi'ee abbaayaa Mediteraaniya'aatitti hin dhaabbata.
NUM 34:6 « ‹Meessaan keessan ka gara aduun seentuu abbaayaa Mediteraaniya'aa hin te'a. Kun meessaa keessan ka gara aduun seentuu ti.
NUM 34:7 « ‹Meessaa keessan ka gara kaabaa abbaayaa Mediteraaniya'aatii haga gaara Hooriititti beessisa itti godhadha'a.
NUM 34:8 Gaara Hooriitii haga Leboo-Haamaatii ti; dhumi meessaa sanii Zedaad hin te'a.
NUM 34:9 Achille'ee haga Ziifronii dhaqee Haazar Enaanitti dhaabbata. Kun meessaa keessan ka gara kaabaa ti.
NUM 34:10 « ‹Meessaa keessan ka gara baya adu'uutiif, Haazar Enaan irraa haga Shefaamiititti beessisa itti godhadha'a.
NUM 34:11 Meessaan kun Shefaamii ka'ee Aayin irraa gara baya adu'uutiin gara Riibla'aa gad bu'ee, haga goodda abbaayaa Kiineretii irraa gara baya adu'uu jirtuulle gad dhaqa.
NUM 34:12 Achiin duuba meessaan keessan haga laga Yordaanosii gad bu'ee, abbaayaa sooddaatitti dhaabbata; meessaa isi'ii woliin, tun lafa teessan hin teeti› jedhiin» jedhe.
NUM 34:13 Muuseen Israa'eloota ajajee, «Lafa tana hixaa buufadha'aa qoodama; Mootiin Waan Maraa gosa sagalii fi gamisa gosa Minaase'eetiif akka kennatantu ajajeera;
NUM 34:14 sababille gosi Ruubeniitii fi gosi Gaadii, gamisi gosa Minaase'eelle akka maatii maatii ifiititti lafa ifii fudhataneeran.
NUM 34:15 Gosi lamaan tunii fi gamsi gosa Minaase'ee, laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatuun, Yeriko'oon gama karaa baya adu'uutiin lafa ifii fudhataneeran» jedhe.
NUM 34:16 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 34:17 «Maqaan namoota lafa isiniif qoodanuu: hayyicha Ele'azaarii fi Iyaasuu ilma Nunii ti.
NUM 34:18 Lafa qoodiisaaf akka qarqaaranu gosa mara keessaa sooressa tokko tokko fila'a.
NUM 34:19 Maqaan isaanii: gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Yofune'ee Kaaleb;
NUM 34:20 gosa Shimi'oonii keessaa ilma Amiihudii Shemu'el;
NUM 34:21 gosa Beniyaaminii keessaa, ilma Kiislonii Eliidaad;
NUM 34:22 gosa Daanii keessaa sooressa tokko, ilma Yogliitii Buki;
NUM 34:23 gosa Minaasee ilma Yoseefii keessaa sooressa tokko, ilma Efodii Haanii'el;
NUM 34:24 gosa Efreemii ilma Yoseefii sooressa tokko, ilma Shiiftaanii Kemu'el;
NUM 34:25 gosa Zebuloonii keessaa sooressa tokko, ilma Phaarnaakii Eliizaafaan;
NUM 34:26 gosa Yisaakorii keessaa sooressa tokko, ilma Aazaanii Phaalti'el;
NUM 34:27 gosa Asheerii keessaa sooressa tokko, ilma Shelomii Ahiihud;
NUM 34:28 gosa Naftaalemii keessaa sooressa tokko, ilma Amiihudii Phedaahel» jedhe.
NUM 34:29 Lafa Kana'aanii keessatti akka lafa Israa'elootaaf qoodanu namooti Mootiin Waan Maraa ajaje isaan kana.
NUM 35:1 Yerikoo fuula dura, laga Yordaanosiitiin gama, dirree Mo'aabii keessatti Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 35:2 «Lafa fudhatanu irraa, Lewwootaaf qachoota keessa le'anu akka kennanu, Israa'eloota ajaji; adaala qachootaatille'etti lafa horii itti tiffatanu isaaniif kenni.
NUM 35:3 Achiin duuba isaan qachoota keessa le'anuu fi lafa loon ifii, hoole'ee fi re'ee ifii itti tiffatanu hin qabaatan.
NUM 35:4 Latti horii itti tiffatanu adaala qacha'aatitti ta isin Lewwootaaf kennitanu, dalleya qachootaa irraa kaatee gara alaatitti ciqilee kuma tokko teetuu ti.
NUM 35:5 Qachoota wodhakka'atti hambura'aatii, karaa baya adu'uutiin ciqilee kuma lama, karaa kibbaatiin ciqilee kuma lama, karaa seensa adu'uutii ciqilee kuma lama, karaa kaabaatiin ciqilee kuma lama dhowa'a. Lafa tana horii qachoota keessaa addee itti tiffattanu hin godhatan.
NUM 35:6 «Qachoota isin Lewwootaaf kennitanu keessaa qachooti jaa qachoota nami nama ijjeese itti baqatu hin te'an. Itti dabala'aatii qachoota afurtamii lama isaaniif kenna'a.
NUM 35:7 Wolumatti qachoota afurtamii saddeeti, lafa horiin itti tiffatanu woliin Lewwootaaf kenna'a.
NUM 35:8 Lafa Israa'elooti dhaalte keessaa akkuma gosi tokko tokkooyyuu qooda qaddutti gosa qachoota hedduu qaddu irraa qachoota hedduu, gosa qachoota diqqaa qaddu irraa qachoota diqqaa fuudha'aatii Lewwootaaf kenna'a» jedhe.
NUM 35:9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
NUM 35:10 «Ati Israa'elootatti dubbadhuutii, isaaniin, ‹Laga Yordaanosii gamatti buutanee, gara lafa Kana'aanii yennaa seentanu,
NUM 35:11 Qachoota nami danu'uun nama ijjeese itti baqatu filadha'a.
NUM 35:12 Qachooti sun nami nama ijjeese mura'aaf wolde'a dura adoo hin dhaabbatin akka hin ijjeefanne, nama haluu bayu duraa addee itti baqatu hin te'an.
NUM 35:13 Qachoota isin Lewwootaaf kennitanu keessaa, qachooti jaa ka isin itti baqattanu hin te'an.
NUM 35:14 Laga Yordaanosii irraa karaa baya adu'uutiin Qachoota sad, lafa Kana'aanii keessaa qachoota sad qachoota nami itti baqatu kenna'aaf.
NUM 35:15 Qachooti jaan kun isin Israa'eloota keessaa, alaga'aa fi kolbaa odduu teessan leetu ta dhibii mara keessalle'ee, nama danu'uun nama ijjeeseef addee itti baqattanu hin te'an.
NUM 35:16 « ‹Nami tokko meya sibiilaatiin nama tokko dhowee nami sun yoo du'e, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti.
NUM 35:17 Yookiin nami tokko dhakaa nama ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama dhiigaa ti; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti.
NUM 35:18 Yookiin nami tokko muka nama ittiin dhowee ijjeesuu dande'u harkaa qabaatee, nama tokko dhowee yoo ijjeese, nami sun nama nama ijjeese; nami nama ijjeese sun ijjeefamuu ti.
NUM 35:19 Nami haluu bayiisaaf barbaadu nama nama ijjeese san ijjeesuu ti; yennaa isa dhagge ijjeesuu ti.
NUM 35:20 Nami tokko beekaa nama dhibii jibbee darbee yookiin waan tokko itti darbatee yoo ijjeese,
NUM 35:21 yookiin jibbee harka ifiitiin dhowee nami sun yoo du'e, inni ijjeefamuu ti; nami sun nama dhiigaa ti; nami haluu bayiisaaf barbaadu yennaa nama nama ijjeese san dhagge ijjeesuu ti.
NUM 35:22 « ‹Te'uu malee, nami tokko diinummaa adoo irraa hin qabaatin dedhuma nama dhibii darbee yookiin waan tokko itti darbatee yoo ijjeese,
NUM 35:23 yookiin adoo isa hin dhaggin, dhakaa nama ijjeesuu dande'u itti darbatee nami sun yoo du'e, inni diina isaa waan hin te'iniif, isa miidhiisaafille beekaa waan hin godhiniif,
NUM 35:24 wodhakkaa nama nama ijjeeseetii fi nama haluu bayuutitti akka seerata kanaatitti wolde'i muraa kennu muraa kennuu ti.
NUM 35:25 Wolde'i sun nama nama ijjeesee himatame san nama haluu bayiisaaf barbaadu san irraa dhooggee, gara qachaa inni itti baqatee san isa deebisuu ti. Hayyichi guddaan zayitii woyyitti'iin muudame sun haga du'utti inni achi turuu qaba.
NUM 35:26 Te'uu malee, nami nama ijjeesee himatame sun meessaa qachaa itti baqate san keessaa alatti yoo baye,
NUM 35:27 nami haluu bayiisaaf barbaadu sun meessaa qachaa saniitiin alatti dhaggee yoo isa ijjeese, yakkaa nama ijjeecha'aatiin hin himatamu.
NUM 35:28 Nami nama ijjeese sun haga hayyichi guddaan sun du'utti qachaa ifii ka itti baqate san keessa turuu qaba; eega hayyichi guddaan sun du'e qofa gara lafa ifii deebi'a.
NUM 35:29 Addee leetanu maratti, dhaloota dhufu mara keessatti kun seerata isiniif te'uu ti.
NUM 35:30 « ‹Nami nama ijjeese yoo dhugaa irratti bayane qofa ijjeefama; te'uu malee dhugaa baya nama tokkoo qofaan nami tokkolle hin ijjeefamin.
NUM 35:31 Nami duuti itti murante, ijjeefamuu ti malee, wodoo isaa hin fudhatina'a; nami sun dhugumaan ijjeefamuu qaba.
NUM 35:32 Nama gara qachaa itti baqatanuu baqate tokko adoo hayyichi guddaan hin du'in akka inni gara lafa ifii deebi'ee le'uuf wodoo irraa hin fudhatina'a.
NUM 35:33 Dhiigi waan lafa batteessuuf, lafa keessa leetanu dhiigaan hin batteessina'a! Dhiiga nama dhiiga dhangalaaseetiin malee, dhiigi nama dhibi'ii dhangalaafamee lafa saniif gumaan hin tolfamin.
NUM 35:34 Ani Mootiin Waan Maraa isin Israa'eloota odduu waan buluuf, lafa keessa leetanuu fi addee anille bulu hin batteessina'a!› jedhi» jedhe.
NUM 36:1 Sooressitooti fira Giil'aadii ilma Maakiirii, akaakoti Minaase'ee ta fira sanyii Yoseefii gara Muuse'eetii fi gara sooressitoota kolba'aa, gara sooressitoota maatii Israa'elootaa dhufanee,
NUM 36:2 «Mootiin Waan Maraa akka ati Israa'elootaaf hixaa buuttee lafa qooddu si goottaa keenna yennaa ajaje, lafa obboleessa keenna Zelofehaadii durra isaatiif akka kennitu si ajajeera.
NUM 36:3 Durri tun ammoo ilmaan gosa Israa'eloota dhibi'ii yoo heerumane, latti isaanii lafa abbootii teenna ta durii irraa fudhatantee gara gosa isaan itti heerumanee san hin dabarti. Yoo akkas teete qoodi lafa hixa'aan nu'uuf kenname nu duraa hin fudhatama.
NUM 36:4 Yennaa jilti woggaa shantameesso'oo ta Israa'elootaa dhuttu, latti isaanii lafa abbootii teenna ta durii irraa fudhatantee, gara lafa gosa isaan itti heerumanee hin dabalanti» jedhane.
NUM 36:5 Achiin duuba Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isatti dubbate Israa'eloota ajajee, «Wonni gosi sanyii Yoseefii jettu dhuga'a;
NUM 36:6 Marroo durra Zelofehaadiitiif wonni Mootiin Waan Maraa ajaje ka asii gad jiru: Kunille, ‹Eega nama fira gosa abbaa isaanii te'ee, isaan nama ila isaaniititti tole heerumanuu ti.
NUM 36:7 Israa'elooti marti lafa abbootii ifii irraa fudhatane jabeeffatanee waan qabatanuuf latti Israa'elootaa gosa tokko irraa gara gosa dhibi'iititti hin dabartu.
NUM 36:8 Israa'elooti marti lafa abbootii ifii waan dhaluu qabanuuf, durri gosa Israa'elii keessaa lafa qabanu marti gosa abbaa ifii keessaa nama tokko heerumanuu ti.
NUM 36:9 Israa'elooti marti lafa ifii jabeeffatanee waan qabatanuuf, latti gosa tokko irraa gara gosa dhibi'iititti hin dabartu› jedheera» jedhe.
NUM 36:10 Maarre durri Zelofehaadii akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhane.
NUM 36:11 Durri Zelofehaadii Maahilaa, Tiirzaa, Hoglaa, Miilka'aa fi No'aa. Isaan ilmaan obboleeyyan abbaa ifii heerumane.
NUM 36:12 Isaan fira sanyii Minaasee ilma Yoseefii heerumane; latti isaaniille firaa fi gosuma abbaa isaaniitiif hatte.
NUM 36:13 Fuullee Yeriko'oo, laga Yordaanosiitiin gama, dirree Mo'aabii keessatti ajajii fi seerati Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin Israa'elootaaf kenne isaan kana.
DEU 1:1 Dubbiin Muuseen lafa Yordaanosii karaa aduun baatu jirtu goomolee Arabaayii keessatti fuullee Suufiititti, Phaaraanii fi Tofel wodhakkaa, Laabaan, Haserootii fi Diizaahabitti Israa'elootatti dubbate ta asii gad jirtu:
DEU 1:2 Karaa gaara Se'iiriitiin gaara Siina'aa irraa haga Qaadesh-Barne'aatitti, karaa guyyaa kudhanii tokkoo ti.
DEU 1:3 Israa'elooti biyya Gibxi'iitii baatee woggaa afurtameesso'ootitti, ji'a kudhanii tokkeesso'oo, guyyaa tokkeesso'ootitti, Muuseen waan Mootiin Waan Maraa marroo isaaniitiif isa ajaje mara Israa'elootatti hime.
DEU 1:4 Tun eega inni mooticha Amoorotaa Sihoon ka Heshiboon keessa tee'ee bulchuu fi mooticha Baashaanii Oog ka Ashitaaroti keessa tee'ee bulchu Edraayitti injifateen duuba teete.
DEU 1:5 Muuseen lafa Mo'aabii ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jirtu keessatti seera Waaqaa barsiisiisa jalqabee,
DEU 1:6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna gaara Siina'aa irratti nu'uun, «Kunoo isin, gaara kana gubbaa yennaa dheertuu turtaneertan.
DEU 1:7 Amma asii ka'a'aatii gara biyya koobittii Amoorotaa, gara kolbaa ollaa isaanii ta Arabaayi keessaa mara, gara lafa gaaraa, gara lafa koobota jalaa ta gara aduun seentuu, gara goomolee kibba kana'aanii, ta irga abbaayaa Mediteraaniya'aa gara lafa kana'aanotaa, gara Libaanonii haga Efraaxiisii laga guddichaatitti deema'a.
DEU 1:8 Kunoo, ani Mootiin Waan Maraa, lafa ani abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi sanyii isaaniitiif kenniisaaf waadaa gale, isiniif kenneera; dhaqa'aatii qabadha'a» jedheera.
DEU 1:9 Ani yennaa san, isiniin, «Isin natti ba'aa guddoo ulfaattuu ta ani qofii tiyya ba'atiisa hin dandeenne.
DEU 1:10 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan laakkossa dabalee, kunoo, isin adha akka urjii gubba'aa bacattaneertan.
DEU 1:11 Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii akkuma waadaa isiniif galetti, yennaa kuma laakkossa keessan dabalee, isin eebbisuu ti!
DEU 1:12 Te'uu malee ani attamiin qofii tiyya rakkoo teessan, ba'aa teessanii fi moromaa teessan ba'atiisa dande'a ree?
DEU 1:13 Isin namoota qaroolee, hubanti'ii fi ulfinna qabanu gosa teessan fila'a; anille akka isaan sooressitoota teessan te'anu hin godha» jennaan,
DEU 1:14 isin deebittanee, «Yaad ati dhikeessite dansa'a» naan jettane.
DEU 1:15 Tanaaf sooressitoota gosa teessanii worra qaroo ulfinna qabanu san fuudhee, gosa gosa teessan irratti ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaatii fi qondaaltota kudhanii godhe.
DEU 1:16 Ani yennaa san abbootii mura'aa teessan ajajee «Moromaa kolbaa teessan wodhakka'atti kaatu yookiin nama Israa'elii tokkoo fi alagaa wodhakka'atti kaatu ilaala'aatii, muraa dhuga'aa kenna'a.
DEU 1:17 Muraa kennitanu irratti hin golina'a; nama gudda'aa fi nama diqqaalle wol qixa ilaala'a. Muraan ta Waaqaa waan teeteef, nama tokkolle hin sodaatina'a. Waan guddoo isinitti ulfaate natti fida'a, ani hin ilaala» jedhe.
DEU 1:18 Ani yennaa san waan isin godhuu qaddanu mara isinitti himeera.
DEU 1:19 Achiin duuba nuuti akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti gaara Siinaatii kaanee, akkuma dhaggitane, goomolee badho'oo fi sodaachittuu keessa karaa biyya koobittii Amoorotaatiin, gara biyya Qaadesh-Barne'aa dhandhe.
DEU 1:20 Achiin duuba ani isiniin, «Isin biyya koobittii Amoorotaa, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu'uuf kennu geettaneertan.
DEU 1:21 Kunoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa tana isiniif kenneera. Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii isinitti hime ol baya'aatii qabadha'a. Hin sodaatina'a; addii hin kutatina'a» jedhe.
DEU 1:22 Achiin duuba isin marti gara kiyya dhuttanee, «Gara biyya sanii dhaqanee akka dooyanu dursinee namoota erginuu ti; isaan karaa achi nu geessuu fi qachoota itti dhaqaarru dooyanee deebi'anee nutti himanuu ti» jettane.
DEU 1:23 Yaad kun dansaa natti fakkaannaan, anille gosa tokko tokko keessaa, nama tokko tokko namoota kudhanii lama file.
DEU 1:24 Isaanille gara biyya koobitti'ii ol bayanee haga dhooqa Eshikolii deemanee dooyane.
DEU 1:25 Midhaan lafa sanii keessaa garii fidanee dhufanee, «Latti Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nuu kennaaru lafa dansa'a» jedhanee nutti himane.
DEU 1:26 Isin ajaja Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii mormitanee finqiltane malee, gara lafa sanii ol bayiisa hin jaalanne.
DEU 1:27 Isin dunkaanii teessan keessatti gunguntanee, «Mootiin Waan Maraa nu jibbee, worri Amoorotaa akka nu balleessuuf, harka isaaniititti dabarsee nu kenniisaaf biyya Gibxi'ii keessaa nu baase.
DEU 1:28 Nuuti eessa dhaquu dandeenna ree? Namooti nuuti ergine, ‹Namooti achi jiru nu caalaa worra jajjaba'aa fi worra dhedheera'a; qachootille gugurda'a; dalleenni dhaka'aa ka qachoota saniille haga ol-gubba'aa dheerata; sanyii Aanaaqotaalle achitti dhaggineerra› jedhanee nu sodaachisaneeran» jettane.
DEU 1:29 Achiin duuba ani isiniin, «Hin bararaqina'a. Isaan hin sodaatina'a.
DEU 1:30 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ka isin dura deemu, biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti akkuma isiniif tolche, isiniif hin lola.
DEU 1:31 Isin goomolee keessa haga addee tana geettanutti karaa dhaxxane mara irratti, akka abbaan ilma ifii ba'atu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan attam akka isin ba'ate achitti dhaggitaneertan» jedhe.
DEU 1:32 Tun teetulle, isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessanitti hin addanne.
DEU 1:33 Inni ideensa keessan irratti addee isin itti qubattanu isiniif barbaadiisaaf, karaa isin deemuu qaddanulle isinitti mudhisiisaaf halkan ibiddaan, guyyaa duumensaan isiniin dura deemeera.
DEU 1:34 Mootiin Waan Maraa dubbii teessan tana yennaa dhage'e aaree, kakatee,
DEU 1:35 «Dhaloota hamaa kana keessaa nami tokkolle lafa dansaa ani abbootii teessanii kenniisaaf waadaa gale san hin dhaggu.
DEU 1:36 Ilma Yofune'ee Kaaleb malee, nami lafa san dhaggu hin jiru; inni lafa san hin dhagga; inni gadhaa tokkochaan ana Mootii Waan Maraa waan hordofeef, ani lafa inni miila ifiitiin irra ijjate mara isaaf, sanyii isaatiifille hin kenna» jedhe.
DEU 1:37 Mootiin Waan Maraalle sababa keessaniif natti aaree, «Atille achi hin galtu.
DEU 1:38 Iyaasuun ilmi Nunii qarqaaraan keeti ammoo gara lafa sanii hin gala; inni kolbaan Israa'elii lafa san akka dhaaltu waan godhuuf, ati isa jajjabeessi.
DEU 1:39 «Ijoolleen teessan ta isin: Hin booji'anti jettane, ta waan hantu'uu fi dansaa gargar baasanee hin beenne lafa sanitti hin galti; ani lafa san isaaniif hin kenna; isaanille hin qabatan.
DEU 1:40 Isin ammoo deebi'a'aatii, karaa gara abbaayaa diintu'uu geessuun gara goomole'ee deema'a» jedhe.
DEU 1:41 Achiin duuba isin deebittanee, «Nuuti Mootii Waan Maraa yakkineerra. Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti ol baanee hin lolla» anaan jettane; lafa koobitti'itti ol bayanee loliis kasoo isinitti fakkaattee, tokko tokkoon keessan meya woraanaa hidhatane.
DEU 1:42 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Ani isin woliin waan hin jiraanneef, ‹Ol baatanee hin lolina'a. Diinoti keessan isin hin injifatan› jedhii isaanitti himi!» anaan jedhe.
DEU 1:43 Maarre ani isinitti himeera; isin ammoo hin caqanne. Isin ajaja Mootii Waan Maraa finqiltanee mormiisaan koora keessaniin gara biyya koobitti'ii ol duultane.
DEU 1:44 Worri Amoorotaa ka lafa koobittii san keessa le'anu gad bayanee isin lolanee akka tuuta kinniisaa isin ari'ane; Se'iirii haga Hormaatitti isin ari'anee ijjeesane.
DEU 1:45 Isinille deebitanee Mootii Waan Maraa duratti boottane; inni ammoo bowa teessan hin caqanne; gurra ifiille gara keessan hin deebifanne.
DEU 1:46 Tanaaf isin yennaa hedduu Qaadesh turtane.
DEU 2:1 Achiin duuba nuuti garagallee, akkuma Mootiin Waan Maraa na ajajetti, goomolee keessa karaa abbaayaa diintuu geessuun dhandhee, adaala biyya koobittii Se'iirii guyyaa hedduu joonjine.
DEU 2:2 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan,
DEU 2:3 «Isin yennaa dheertuu adaala biyya koobitti'ii tana joonjitaneertan; amma gara kaabaa deebi'a'a.
DEU 2:4 Ati kolbaa tana ajajiitii, ‹Isin biyya obboleeyyan teessanii ta sanyiin Esaawuu keessa leetu, Se'iir keessa dabartan; isaan isin hin sodaatan; isin ammoo guddoo ifi eeggadha'a.
DEU 2:5 Ani biyya koobittii Se'iir qabeenna isaa godhee Esaawuuf kenneera. Biyya isaanii irraa ijjata tokkolle isiniif waan hin kenneef isin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a.
DEU 2:6 Sagalee nyaattanuu fi bisaan untanuuf beesee isaaniif kaffala'a› jedhiin» jedhe.
DEU 2:7 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan hujii isin hujjanu maraan isin eebbiseera. Inni goomolee badhoo tana keessa yennaa ideentanu isin eegeera; woggoota afurtama tana Mootiin Waan Maraa Waaqi isin woliin waan jiruuf, isin waan tokkolle hin dhanne.
DEU 2:8 Maarre nuuti obboleeyyan teenna sanyiin Esaawuu ta biyya koobittii Se'iir keessa leetu keessa dabarree, karaa goomolee Arabaayii ta karaa qachaa Elaatii fi Eziyon-Geberii dhufu irraa gorree, karaa goomolee Mo'aabii ideenne.
DEU 2:9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ani qachaa Aarii worra Mo'aabii sanyii Looxiitiif qabeenna isaanii godhee isaaniif kenneera. Lafa isaanii irraa tokkolle isiniif waan hin kennineef, isaan hin rakkisina'a yookiin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a» jedhe.
DEU 2:10 Worri Emiimii dur qachaa Aarii keessa le'aniiyyu; isaan kolbaa jajjadduu bindillaa, akka worra Aanaaqotaa hojjaa dhedheeratanu.
DEU 2:11 Isaan akkuma worra Aanaaqotaa, «Refaa'ota» jedhamanee waamaman; Mo'aaboti ammoo, «Emiimota» isaaniin jedhan.
DEU 2:12 Worri Hoorii dur biyya Se'iirii keessa le'aniiyyu; sanyiin Esaawuu ammoo achi keessaa ariitee isaan baache. Akkuma Israa'el lafa Mootiin Waan Maraa isi'ii kenne keessatti goote, sanyiin Esaawuu worra Hoorii ifi duraa ariitee addee isaaniititti qubatte.
DEU 2:13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Amma ka'a'aatii laga Zerediitiin gamatti bu'a'a» jedhe. Maarre nuutille laga Zerediitiin gamatti buune.
DEU 2:14 Nuuti Qaadesh-Barne'aa kaanee laga Zerediitiin gamatti haga buunutti, woggaa soddomii saddeetitti dabare. Yennaa san keessa akkuma Mootiin Waan Maraa marroo isaaniitiif kakate, loltooti dhaloota sanii marti addee quttumaa keessaa dhumatane.
DEU 2:15 Addee quttumaa san keessaa ijjumaa haga isaan balleessutti harki Mootii Waan Maraa isaanitti ka'e.
DEU 2:16 Worri loltootaa ka odduu kolba'aa sun marti yennaa dhumatane,
DEU 2:17 Mootiin Waan Maraa anaan,
DEU 2:18 «Isin adha karaa biyya Mo'aabiitiin qachaa Aarii keessa hin dabartan.
DEU 2:19 Ani duruu lafa san qabeenna isaanii godhee Amoonota sanyii Looxiitiif kenneera. Isin gara lafa Amoonotaa yennaa dhuttane, lafa sanyii Amoonii irraa tokkolle qabeenna akka godhattanu isiniif waan hin kennineef, isaan hin rakkisina'a yookiin woraanaaf isaan hin kakkaasina'a» jedhe.
DEU 2:20 Worri Refaa'otaa dur waan achi le'aneef, latti tun akka lafa Refaa'otaatitti laakkowante; worri Amoonotaa ammoo, «Zamzumoota» jedhanee isaan waaman.
DEU 2:21 Zamzumooti kolbaa jajjadduu bindillaa, akka worra Aanaaqotaa hojjaa dhedheerattu. Mootiin Waan Maraa ammoo worra Amoonotaa duraa isaan balleessee, Amoonoti isaan ari'anee addee isaaniititti qubatane.
DEU 2:22 Mootiin Waan Maraa yennaa worra Hoorii isaan duraa balleesse, sanyii Esaawuu ta biyya koobittii Se'iir keessa leetuufille akkasuma godhe; isaan worra Hoorii ari'anee baasanee, haga adhaatitti lafa isaanii keessa le'iisatti jiran.
DEU 2:23 Worri Kaftorii ka Kaftor irraa dhufe, worra Aawotaa ka olloota haga Gaaza'aa jiranu keessa le'anu balleessanee, lafa isaanii keessa qubatane.
DEU 2:24 Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Amma ka'a'aatii laga Aarnoniitiin gamatti bu'a'a. Kunoo, ani nama biyya Aamorii mootii Heshiboonii Sihoon, biyya isaalle harka keessanitti dabarsee kenneera. Isa lola'aatii, lafa isaa fudhatiisaaf jalqaba'a.
DEU 2:25 Ani guyyaa adhaa kanaan jalqabee gosi biyya adda addaa ta biyya lafaa gubbaa jirtu marti akka bararaxxee isin sodaattu hin godha. Isaan gurra keessan dhage'anee rommanee hin muddaman» jedhe.
DEU 2:26 Achiin duuba ani Muuseen goomolee Qedemootii keessaa mootii Heshiboonii Sihoonitti namoota ergee nageya itti dhaamee,
DEU 2:27 «Biyya teeti keessa dabarree akka deennu nuu eeyyami; nuuti karaa irraa middatti yookiin bita'atti hin gorru.
DEU 2:28 Sagalee nyaannuu fi bisaan unnu beese'een nutti gurgura'a. Miiluma calla'aan achi keessa akka dabarru,
DEU 2:29 akkuma sanyiin Esaawuu worri Se'iir keessa le'uu fi Mo'aaboti Aar keessa le'anu nu'uuf godhane, laga Yordaanosii gamatti buunee, gara lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nuu kennuu haga gallutti atille akkasuma nuu godhi» jedheen.
DEU 2:30 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ammoo, mootii Heshiboonii Sihoon akka amma godhe kana harka keessanitti dabarsee kenniisaaf, mataa isaa jabeessee akka inni hin ajajane waan godheef, inni biyya isaa keessa nu dabarsuu didate.
DEU 2:31 Mootiin Waan Maraa anaan, «Kunoo, ani Sihoonii mootichaa fi biyya isaa dabarsee isinii kennuu jalqabeera; amma lafa isaa qabadha'aatii teessan godhadha'a» jedhe.
DEU 2:32 Sihooniin mootichii fi loltooti isaa marti nu loliisaaf gara qachaa Yaahazii yennaa dhufane,
DEU 2:33 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isa harka keennatti dabarsee waan kenneef, nuuti isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa mara ijjeenne.
DEU 2:34 Nuuti yennaa san qachaa isaa duudii qabannee, namoota qachaa san keessa jiranu dhiira, dubarti'ii fi ijoollee tokkolle adoo hin hamburin isaan ijjumaa balleessine.
DEU 2:35 Wonni nuuti fudhanne hori'ii fi waan qachaa san keessaa boojine qofa.
DEU 2:36 Qachaa Aro'erii ka qarqara dhooqa Aarnonii jiruu fi qachaa dhooqa san keessa jiruu jalqannee haga Giil'aadiititti qachaan dalleenni isaa ka dhaka'aa nutti jabaatee hafe tokkolle hin jiru. Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isaan mara harka keennatti dabarsee kenne.
DEU 2:37 Te'uu malee akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu ajajetti gara lafa Amoonotaa yookiin qarqara lafa laga Yaaboqii yookiin adaala qachoota lafa koobittii keessaa mara itti hin dhikaanne.
DEU 3:1 Tanaan duuba karaa gara Baashaanii geessutti deebinee ol baane; mootiin Baashaanii Oog loltoota ifii mara woliin Edraayitti nu loliisaaf dhufe.
DEU 3:2 Mootiin Waan Maraa ammoo anaan, «Ani isa, loltoota isaa maraa fi lafa isaa dabarsee si'iif waan kennuuf, isa hin sodaatin. Mootii Amoorotaa Sihoon ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulchaa ture akkuma goote, Oogille akkasuma godhi» jedhe.
DEU 3:3 Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna mootii Baashaanii Oogii fi kolbaa isaa harka keennatti dabarsee kenne; nuutille nama tokkolle adoo hin hamburin isaan mara ijjeenne.
DEU 3:4 Yennuma san nuuti qachoota isaa mara qabanne; qachoota jaatama naannoo Argoobii duudii, ka mootummaa Oogii ta Baashaan keessa jirtu keessaa qachooti nuuti hin qabatin tokkolle hin jiru.
DEU 3:5 Qachooti kun marti dalleya dhaka'aa dhedheeraa, karraa fi danqaraa qabanuun marfamaneeran; ollaan gugurdaan hedduun dalleya dhaka'aa hin qannelle jiraayyu.
DEU 3:6 Akkuma mootii Heshiboonii Sihoon goone, isaan ijjumaa balleessine; dhiira, dubarti'ii fi ijoollee qachaa sanii ijjumaa balleessine.
DEU 3:7 Te'uu malee horii maraa fi waan qachoota isaanii keessaa saanne mara ifiif fudhanne.
DEU 3:8 Maarre yennaa san mootota Amoorotaa lamaan san irraa lafa laga Yordaanosiin gara aduun baatuu jirtu, laga Aarnoniitii haga gaara Hermoonii qabanne.
DEU 3:9 Worri Sidoonii gaara Hermooniitiin «Siiriyon» jedha; worri Amoorotaa «Seniir» jedha.
DEU 3:10 Nuuti qachoota gooroo irraa, lafa Giil'aadii mara, lafa Baashaanii mara haga Saalka'aa fi Edraayii, qachoota mootummaa Oogii ka Baashaan keessaa mara fudhanne.
DEU 3:11 Worra Refaa'otaa keessaa ka hafe Oogii mooticha Baashaanii qofa; taqeen isaa ta sibiilaa ti; dheerinni isi'ii meetira afur, badhinni meetira lama. Taqeen sun haga ammaatitti Raabaa qachaa biyya Amoonii keessa jirti.
DEU 3:12 Lafa qabanneen duuba qachaa Aro'erii ka laga Aarnonii bira jiruutiin jalqabee haga gamisa biyya koobittii Giil'aadii qachoota isaa woliin gosa Ruubeniitii fi gosa Gaadiitiif kenne.
DEU 3:13 Biyya Giil'aadii ta hatte, biyya Argoobii ta Oog bulche biyya Baashaanii mara gamisa gosa Minaase'eetiif kenne. Biyyi Baashaanii guutumatti biyya Refaa'otaa jedhamaa turte
DEU 3:14 Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir biyya Argoobii ta haga meessaa worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa jirtu duudii fudhate. Inni ollooti sun maqaa isaatiin akka waamamanu godhe; tanaaf ollooti sun haga adhaatitti olloota Yaa'iirii jedhaman.
DEU 3:15 Ani Giil'aadi maakiiriif kennee,
DEU 3:16 gosa Ruubeniitii fi Gaadiitiif ammoo, lafa Giil'aadii irraa haga lafa laga qarqara laga Aarnonii kenneef; meessaan isaanii ka kibbaa wodhakkaa laga Aarnonii yoo te'u, gara kaabaatiin haga laga Yaaboqii meessaa Amoonotaa ti.
DEU 3:17 Karaa aduun seentuun haga laga Yordaanosii, laga Galiila'aa goodda kaabaa keessaa gara kibba Abbaayaa Sooddaatii fi gara gaara Phiisgaa aduun seentuutiin jalaatitti badhata.
DEU 3:18 Yennaa san ani «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna lafa Yordaanos irraa ta gara aduun baatuu tana akka qabattanu isinii kenneera. Amma namoota lolanu keessan hidhachiisa'aatii, gosooti Israa'elii dhibiin lafa ifii haga qabatanu akka qarqaaranuuf laga Yordaanosiitiin gama isaaniin dura erga'a.
DEU 3:19 Te'uu malee, isin horii hedduu akka qaddanu waan beekuuf, haadhotiin manaa teessan, ijoolle'ee fi horiin keessan qachoota ani isiniif kenne keessa turanuu ti.
DEU 3:20 Tunille Mootiin Waan Maraa akkuma isiniif godhe, isaan lafa Yordaanos irraa gara aduun seentuu ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennu san haga qabatanu. Saniin duuba tokko tokkoon keessa gara lafa ani isinii kenne sanii hin deebitan» jedhe.
DEU 3:21 Yennaa san ani Iyaasuu ajajee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mootota lama Sihoonii fi Oog waan godhe ati iluma teetiin dhaggiteerta; Mootiin Waan Maraa mootummoota ati itti dhaqaartu mara irralle'etti akkasuma hin godha.
DEU 3:22 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ifumaaf waan isinii loluuf isaan hin sodaatin» jedhe.
DEU 3:23 Yennaa san ani jabeessee daadimadhee,
DEU 3:24 «Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati guddinnaa fi irree teeti jadduu ana tajaajilaa keetitti mudhisuu jalqaddeerta. Ol-gubba'aa fi lafa irratti waan ati gootuu fi hujii gugurdoo ati hujju ka hujuu dande'u waaqi dhibiin eennu inni?
DEU 3:25 Ani gamatti bu'ee, lafa dansaa laga Yordaanosiitiin gamaa biyya koobittii dansaa, gaara Libaanonille akka dhaggu naa eeyyam» jedhe.
DEU 3:26 Sababa keessaniif ammoo Mootiin Waan Maraa natti aaree, ana hin caqanne. Inni anaan, «Si geetti. Marroo waan kanaa deebitee natti hin dubbatin!
DEU 3:27 Qaccee gaara Phiisga'aatitti ol bayiitii gara aduun seentuu fi gara kaabaa, gara kibbaatii fi gara aduun baatu ilaali. Ati laga Yordaanosii gamatti waan hin buuneef, ila teeti qofaan ilaali.
DEU 3:28 Kolbaa sooressee gamatti buusee, lafa ati dhaggitu tana akka isaan dhaalanu ka godhu, Iyaasuu waan te'eef, isa ajajiitii jajjabeessi; akka inni jabaatu godhi» jedhe.
DEU 3:29 Maarre nuuti dhooqa Bet-phe'or bira jirtu keessa turre.
DEU 4:1 Achiin duuba Muuseen kolba'aan, «Ee kolbaa Israa'elii, jiraattanee lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii isiniif kennutti galtanee akka qabattanu seerataa fi seera ani amma isin barsiisu dhage'a'aatii eegadha'a.
DEU 4:2 Waan ani isin ajaje irratti hin dabalina'a; irralle'ee hin dhidhisina'a. Ajajoota Mootii Waan Maraa ka Waaqa keessanii ka ani isinii kennu eegadha'a.
DEU 4:3 Isin waan Mootiin Waan Maraa gaara Phe'orii irratti godhe iluma teessaniin dhaggitaneertan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan worra gaara phe'orii irratti Ba'aal waaqonfatu mara odduu teessanii balleesseera.
DEU 4:4 Isin worri Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofattane ammoo haga adhaa jiru'uun jirtan.
DEU 4:5 «Lafa itti galtanee qabatanutti, akka eegattanuuf, akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya na ajajetti, ani seerataa fi ajaja isin barsiiseera.
DEU 4:6 Isaan kana akka dansaa eegadha'a; worra seerata kana mara dhage'uu fi gosa biyya adda addaa ta, ‹Dhugumaan kolbaan guddoon tun kolbaa qaroole'ee fi hubantii qaddu› jedhanuuf, qarumma'aa fi hubantii teessan itti mudhisa.
DEU 4:7 «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa nuuti isa daadimannu akkuma nu'uuf dhikoo jiru, kolbaan guddoon dhibiin ta waaqoti isi'ii dhikoo isi'ii jiru tam ree?
DEU 4:8 Akka seera adha ani isinii kenne kanaa, kolbaan guddoon dhibiin seerataa fi seera balchaa qaddu tam ree?
DEU 4:9 Waan ila teessaniin dhaggitane akka hin deene, bara jiruu teessanii mara gadhaa keessan keessaa akka hin bannelle ifi eegadha'a. Waan kana ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii barsiisa'a.
DEU 4:10 Yennaa inni anaan, ‹Bara lafa san irra le'anu mara ulfinna naaf kenniisa akka baratanu, ijoollee ifiille akka barsiisanu, jecha kiyya akka dhage'anuuf kolbaa na duratti wolitti qabi› jedhe, gaara Siina'aa irratti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura guyyaa dhaabbatane qaabadha'a.
DEU 4:11 «Gaarri duumensa gurraachaa fi dukkana dimmaan gollamee, bobe'i ibiddaa ka haga gubba'aa gewu irratti bobe'iisatti adoo jiruu, isin dhuttanee gaara san jala dhaabbatane.
DEU 4:12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa bobe'a ibiddaa san keessaa isinitti dubbate. Isin qoonqoo jecha isaa dhageettane malee, akki isaa attam akka jiru hin dhaggine. Qoonqoo qofa dhageettane.
DEU 4:13 Inni gondooroo isin woliin gondoore, ajaja ifii kudhan ka akka isin eegattanuuf isin ajaje san lasse; achiin duuba dhakaa baxxicha lama irratti barreesse.
DEU 4:14 Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa dhaaltanu keessatti seerataa fi seera isin eegattanu akka ani isin barsiisu Mootiin Waan Maraa yennaa san na ajaje.
DEU 4:15 «Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aatitti ibidda bobe'u keessaa yennaa isinitti dubbate, isin akki isaa attam akka jiru hin dhaggine; tanaaf isin miidhassa'aa ifi eegadha'a.
DEU 4:16 Akka hin battoonneef, waaqota dharaa akka fakkii dhiiraatiin yookiin dubarti'iitiin hin hujatina'a;
DEU 4:17 yookiin fakkii bineensota lafa irraatiin yookiin fakkii sinbirrootaatiin,
DEU 4:18 yookiin fakkii waan gadha'aan lafa irra lowuutiin yookiin fakkii qurxummii bisaan keessaatiin waaqota dharaa hin hujatina'a.
DEU 4:19 Gara gubba'aa ilaaltee aduu, ji'a fi urjoota waan gubba'aa mara yennaa dhaggite, sossobantee, isaanii sagaddee waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa irraa maraaf kenne waaqonfattee hin ataabamin.
DEU 4:20 Mootiin Waan Maraa ammoo isin akka adhaa kana kolbaa isaa akka teetanuuf, biyya Gibxi'ii ta akka addee ibidda sibiila itti baqisiisanuu san keessaa isin baaseera.
DEU 4:21 Mootiin Waan Maraa sababa keessaniif natti aaree, akka ani laga Yordaanosii gamatti bu'ee, lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennutti hin galle kakate.
DEU 4:22 Ani lafa tana keessatti hin du'a; laga Yordaanosii gamatti hin bu'u; isin ammoo laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa dansaa san hin qabattan.
DEU 4:23 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin godhe akka hin deene ifi eegadha'a; waaqota dharaa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin dhoogge akka fakkii waan tokkootille'een hin hujatina'a.
DEU 4:24 Sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ibidda gubee balleessu, Waaqa hinaatticha.
DEU 4:25 «Isin ijoollee uumattanee, akaakota dhaggitanee lafa san keessa yennaa hedduu leetaneen duuba, akka fakkii waan fedheetiin waaqa dharaa hujiisaan ifi batteessitanee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti waan hantuu hujjanee, isa yoo aarsitane,
DEU 4:26 lafa isin laga Yordaanosii gamatti buutanee qabattanu keessaa, ariiti'iin akka baddanu, ani guyyaa adhaa ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa qabadha. Isin ijjumaa hin baddan malee, yennaa hedduu achi hin leetanu.
DEU 4:27 Mootiin Waan Maraa kolbaa hedduu keessa isin hin bittinneessa; gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa keessa isin bittinneessu keessa, isin keessaa nama diqqaa qofatti lubbu'uun hafa.
DEU 4:28 Isin achitti waaqota nami mukaa fi dhakaa irraa huje, ka dhaggiisa, dhage'iisa, nyaatiisaa fi foolee fuudhiisa hin dandeenne hin waaqonfattan.
DEU 4:29 Garuu achuma keessattuu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin yoo barbaadattane, isa hin dhaggitan.
DEU 4:30 Ati yennaa guddoo rakkattee wonni kun marti si dhaqqaddu, bara muumme'ee irratti gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii deebitee isaaf hin ajajanta.
DEU 4:31 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti mararaa waan te'eef, si hin lakkisu yookiin si hin balleessu yookiin gondooroo kaku'uun abbootii teeti woliin gondoorelle hin dedhu.
DEU 4:32 «Marroo waan bara durii, isin adoo hin dhalatiniin duraa, yennaa Waaqi lafa irratti nama dadeen jalqaba'aatii qoradha'a. Ol-gubbaa qacce'ee haga qacce'eetitti qorqora'a; wonni guddoon akkasii teeteertii yookiin dhage'antee beettii?
DEU 4:33 Akka isin Waaqi ibidda keessaa dubbatuun dhageettanee jiru'uun jiraattane, kolbaan dhibiin ibidda keessaa dubbatuun qoonqoo Waaqaa dhageettee jiru'uun jiraatte jirtii?
DEU 4:34 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti waan mara akka isiniif godhe, waaqi haga ilaaliisaan, bilbaasaa fi maade'een, lolaan, hunna guddo'oo fi irree diriirsee yookiin hujii guddo'oo fi sodaachittu'uun kolbaa biyya tokkoo keessaa kolbaa takka fudhatee ta ifii ka godhate jiraa?
DEU 4:35 Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, isa malee Waaqi dhibiin akka hin jirrelle akka beettanuuf waan kana isinitti mudhise.
DEU 4:36 Isin barsiisiisaaf inni ol-gubbaa irraa qoonqoo ifii isin dhageessise. Inni lafa irratti ibidda ifii guddaa isinitti mudhisee, ibidda keessaa jecha isaa dhageettane.
DEU 4:37 Inni abbootii teessan jaalatee isaaniin duuballe sanyii isaanii waan filateef, isin woliin jiraatiisaan jabeenna ifii gudda'aan biyya Gibxi'ii keessaa isin baase.
DEU 4:38 Lafa adha teessan teete tana gosa biyya adda addaa ta isin caalaa bacattu, hunnalle'een ta isin caaltu, lafa isaanii akka dhaaltanu isinii kenniisaaf, inni ari'ee isaan isin duraa baase.
DEU 4:39 Ol-gubba'aa fi lafa irratti Mootiin Waan Maraa Waaqi isa qofa akka te'e, isa malee ka dhibiin akka hin jirre adha beeka'aatii, gadhaa keessan keessatti qabadha'a.
DEU 4:40 Isiniif, isiniin duuballe ijoollee teessaniif akka toltu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bara baraaf isinii kennu keessa bara dheeraa akka leetanu, seerataa fi ajajoota adha ani isin ajaju eegadha'a» jedhe.
DEU 4:41 Achiin duuba Muuseen qachoota sad ka laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiranu adda baase;
DEU 4:42 kunille nami diinummaa adoo hin qabaatin danuu nama ijjeese tokko qachoota kana keessaa gara tokkochaa baqatee akka lubbu'uun hafu.
DEU 4:43 Qachooti kun: qachaa Bezerii ka gooroo goomole'ee keessaa gosa Ruubeniitiif, qachaa Raamootii ka biyya Giil'aadii keessaa gosa Gaadiitiif, qachaa Golaanii ka Baashaan keessaa gosa Minaase'eetiif adda baase.
DEU 4:44 Seerri Muuseen kolbaa Israa'eliitiif dhikeesse ka asii gad jiru:
DEU 4:45 Sunille qajeelfama, seerataa fi seera Muuseen yennaa Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa baate isaaniif kenne.
DEU 4:46 Inni laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu, fuullee Bet-Phe'orii dhooqa keessa biyya Sihoonii mootii Amoorotaa, ka Heshiboon keessa tee'ee bulchuu keessatti isaaniif kenne; Muuse'ee fi Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa yennaa bayane isa lolanee injifatane.
DEU 4:47 Isaan lafa isaa, lafa Oogii mootii Baashaaniitii ta mootota Amoorotaa lamaan tana ta Yordaanos irraa gara aduun baatu jirtu qabatane.
DEU 4:48 Latti sun qachaa Aro'erii irraa kaatee qarqara dhooqa Aarnoniitii haga gaara Siiyonii ka «Hermoon» jedhamuutitti,
DEU 4:49 lafa Arabaayii ta laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu mara haga Abbaayaa sooddaa, akkasuma goodda gaara Phiisga'aatiin jalaalle dabalatti.
DEU 5:1 Muuseen kolbaa Israa'elii mara wolitti waamee, «Kolbaa Israa'elii seerataa fi seera akka isin barattanu ani adha isinitti himu kana dhage'a'a. Miidhassa'aa eegadha'a.
DEU 5:2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna gaara Siina'aa irratti nu woliin gondooroo gondooreera.
DEU 5:3 Inni abbootii teenna woliin adoo hin te'in, nu worra amma as jiru'uun jirru mara woliin gondooreera.
DEU 5:4 Mootiin Waan Maraa gaara gubba'atti fuula keessan duratti ibidda keessaa isinitti dubbate.
DEU 5:5 Yennaa san isin ibidda sodaattanee, gara gaaraa waan hin bayiniif, ani wodhakkaa teessanii fi Mootii Waan Maraa dhaabbadhee jecha isaa isiniif lallabe. «Mootiin Waan Maraa,
DEU 5:6 ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa si baase.
DEU 5:7 «‹Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin.
DEU 5:8 «‹Waaqota dharaa fakkii waan ol-gubba'aatiin yookiin waan gad lafa irraatiin yookiin waan bisaan keessa lafa jala jiruutiin hin hujatin.
DEU 5:9 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha, cubbuu abbootii na jibbituutiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadii fi afurii waan adabuuf, ati waaqota dharaatiif hin sagadin; hin waaqonfatinille'e.
DEU 5:10 Worra na jaalatuu fi ajajoota kiyya eegatu kumootaaf jaalala kiyya ka bara baraa isaaniif hin mudhisa.
DEU 5:11 «‹Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, ati maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii akkasumaan hin dhowin.
DEU 5:12 «‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma si ajaje, guyyaa Sanbataa woyyoonsii eegadhu.
DEU 5:13 Guyyaa jaa hujadhu; hujii teeti mara muummessi.
DEU 5:14 Guyyaan torbeesso'oo ammoo guyyaa ati ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf foorfattu. Guyyaa san ati, ilmi keeti yookiin intalti teeti, tajaajilaan keeti ka dhiiraa yookiin tajaajiltuun teeti ta dubarti'ii, qotiyyoon teeti yookiin harreen teeti yookiin horiin keeti marti yookiin ormi qachaa keeti keessa le'u hujii tokkolle hin hujina'a. Tajaajiltooti teetille akkuma keeti foorfatanuu ti.
DEU 5:15 Ati biyya Gibxi'iititti garba akka teete, ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hunna guddo'oo fi irree tiyya diriirsee achi keessaa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati guyyaa sanbataa ulfeessitee foorfattu si ajaje.
DEU 5:16 «‹Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessa bara dheeraa akka leetu, wonni ati gootu marti akka sii toltu, akkuma ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
DEU 5:17 «‹Hin ijjeesin.
DEU 5:18 «‹Hin gaarayyeeffatin.
DEU 5:19 «‹Hin hatin.
DEU 5:20 «‹Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin.
DEU 5:21 «‹Niitii namaa hin kajeelin. Mana namaa, lafa namaa, tajaajilaa namaa, loon namaa, harree namaa yookiin karra namaa mara hin halchin› jedha.
DEU 5:22 «Ajajooti Mootiin Waan Maraa qoonqoo guddo'oon gaara Siina'aa gubba'atti ibidda, duumensaa fi dukkana dimma keessaa gumii teessan duudi'itti dubbate isaan kana; inni waan tokkolle itti hin daballe. Achiin duuba inni dhakaa baxxicha lama irratti barreessee natti kenne.
DEU 5:23 «Gaara irratti ibiddi bobe'uun, dukkana dimma keessaa qoonqoo yennaa dhageettane, sooreyyiin gosa teessaniitii fi jaarsoleen teessan marti gara kiyya dhuttanee,
DEU 5:24 ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna ulfinnaa fi guddinna ifii nutti mudhisee, ibidda keessaa qoonqoo isaa dhageenneerra. Waaqi yoo isatti dubbatelle, nami le'uu akka dande'u nuuti adha dhaggineerra.
DEU 5:25 Amma ammoo, ibiddi guddaan kun nu fixa; haganaa achi qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa yoo dhageenne hin duuna; nuuti maaf duuna ree?
DEU 5:26 Sanyii namaa keessaa eennutti Waaqi jiraataan ibidda keessaa dubbatuun dhage'ee, akka keenna le'uu dande'e jiraa ree?
DEU 5:27 Ati itti dhikaadhuutii waan Mootiin Waan Mara Waaqi keenna jedhu mara dhage'i. Achiin duuba waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna sitti himu mara nutti himi. Nuutille dhageennee hin ajajanna› jettane.
DEU 5:28 «Mootiin Waan Maraa yennaa isin natti dubbatane dhage'ee, anaan, ‹Waan kolbaan tun siin jette dhage'eera. Wonni isaan jedhane marti dansa'a.
DEU 5:29 Hay, isaanii fi ijoollee isaaniitiif, haga bara baraa akka toltu, na sodaatiisaaf ajaja kiyya mara akka eegatanu yennaa mara gadhaa akkasii adoo qabaatanee attam attam dansa'a!
DEU 5:30 Dhaqiitii gara dunkaanii ifii akka deebi'anu itti himi.
DEU 5:31 Ati ammoo as na bira turi; lafa akka isaan dhaalanuuf ani isaaniif kennu keessatti akka eegatanu akka isaan barsiittuuf ani ajaja, seerataa fi seera kiyya mara sitti hin kenna› jedhe.
DEU 5:32 «Maarre waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara eegadha'a; isa irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorina'a.
DEU 5:33 Lafa dhaaltanu keessatti jiru'uun akka leetanu, akka isinii toltuu fi bara dheeraa akka leetanu karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara deema'a» jedhe.
DEU 6:1 Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa dhaaltanu keessatti akka eegattanu ajaji, seeratii fi seerri Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka ani isin barsiisuuf na ajaje kana.
DEU 6:2 Kunille isin bara jiruu teessanii seerata isaatii fi ajaja isaa mara ka ani isin, ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii ajaju eegatiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka sodaatanuuf barri keessanille akka isinii dheeratuuf ka kennamane.
DEU 6:3 Ee, Israa'elii, akka sii toltuuf, akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii gale lafa aananii fi dammaa keessatti akka hortee bacattu ifi eegadhuutii ajajami.
DEU 6:4 Ee, Israa'el dhage'i! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna Waaqa tokkocha.
DEU 6:5 Mootii Waan Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'ii fi hunna teeti maraan jaaladhu.
DEU 6:6 Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin.
DEU 6:7 Ajajoota kana irra deddeebi'iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
DEU 6:8 Beessisa akka sii te'uuf harka keeti irratti hidhadhu; adda keeti irralle'etti hidhadhu.
DEU 6:9 Mikikkila balbala mana keetiitii fi seensuma karra teetii irratti barreessi.
DEU 6:10 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti abbootii teeti ta durii Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif akkuma waadaa galetti, lafa qachoota gugurdaa ati hin ijaarin mimmidhaagaa qaddutti yennaa si galchu,
DEU 6:11 mama meya dadansa'aan guutame ka ati itti hin guutin, boolla bisaanii ta ati hin qotin yennaa dhaggattu, woyni'ii fi muka ejersaa ka hin dhaabin nyaattee yennaa quuttu,
DEU 6:12 Mootii Waan Maraa ka garbummaa biyya Gibxi'ii keessaa si baase akka hin deene ifi eegadhu.
DEU 6:13 Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaadhu; isa qofa tajaajili; kakuun teeti maqaa isaatiin teetuu ti.
DEU 6:14 Waaqota dhibii ka gosa adda addaa hin waaqonfatin.
DEU 6:15 Mootiin Waan Maraa ka isin woliin jiru Waaqa hinaatticha waan te'eef, aariin isaa siirratti bobeettee, lafa irraa si hin balleessa.
DEU 6:16 Addee «Maasaa» jedhantutti akkuma gootane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga hin ilaalina'a.
DEU 6:17 Ajaja, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje miidhassa'aa eegadha'a.
DEU 6:18 Akka sii toltu, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teeti ta duriitiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale akka dhaaltuuf, Mootii Waan Maraa duratti waan qajeelaa te'ee fi waan dansaa te'e huji.
DEU 6:19 Akka Mootiin Waan Maraa jedhe diinota keeti ifi duraa hin ariita.
DEU 6:20 Gara duraa yennaa ilmi keeti, «Hiikkaan qajeelfama, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna si ajajee maan?» jedhee yoo si gaafate,
DEU 6:21 ati ilma keetiin, «Dur nuuti garboolee mooticha Gibxi'ii ti; Mootiin Waan Maraa ammoo hunna ifii guddo'oon biyya Gibxi'ii keessaa nu baase.
DEU 6:22 Ila teennaan adoo nu dhagginuu Mootiin Waan Maraa bilbaasota, maadee gugurdo'oo fi waan nama bararassu worra Gibxi'ii irratti, mooticha biyya Gibxi'iitii fi maatii isaa irratti hujeera.
DEU 6:23 Inni ammoo achii nu baasee lafa abbootii teennaa kenniisaaf kaku'uu waadaa gale, nuu kenniisaaf as nu fide.
DEU 6:24 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa mara akka nuu toltuuf, akkuma adhaa kana jiru'uun akka nu eeguuf, nuutille akka isa sodaannuuf, seerata isaa kana akka eeganu, Mootiin Waan Maraa nu ajaje.
DEU 6:25 Nuutille akkuma inni nu ajaje Mootii Waan Maraa Waaqa keenna duratti ajaja isaa kana mara yoo eeganne balchummaa nuu teeti» hin jetta.
DEU 7:1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati dhaaliisaaf itti galtutti yennaa si fide, lafa san keessaa gosa biyya adda addaa hedduu ta isin caalaa bacattuu fi hunna qaddu torba Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kana'aanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota si duraa hin ari'a.
DEU 7:2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa tana mara harka keetitti dabarsee yennaa kenne, atille yennaa isaan injifatte, isaan mara balleessuu qadda. Isaan woliin wolii galtee hin godhin; isaaniifille hin mararin.
DEU 7:3 Isaan woliin hin soddoomin; durri teeti ilmaan isaanii hin heerumsiisin yookiin ilmaan teeti durra isaanii hin fuusisin.
DEU 7:4 Sababille isaan ijoollee teeti ana Mootii Waan Maraa irraa deebisanee, akka isaan waaqota dhibii waaqonfatanu hin godhan; aariin ana Mootiin Waan Maraalle si irratti bobeettee, ariiti'iin si hin balleessiti.
DEU 7:5 Tanaaf ati addee ciinca'aa ta isaanii diigi; soodduu woyyittii isaanii caccassi; utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantu ta isaanii jissi; waaqota dharaa ka isaaniille ibiddaan gubi.
DEU 7:6 Sababille ati kolbaa woyyittii Mootii Waan Maraa Waaqa keetii ti. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa biyya lafaa mara keessaa qabeenna isaa ka addaa akka teetuuf si filateera.
DEU 7:7 Mootiin Waan Maraa waan isin gosa dhibii caalaa guddoo bacattaneef jaalatee isin hin filane; isin gosa dhibii caalaa guddoo diqqaattan.
DEU 7:8 Mootiin Waan Maraa ammoo waan si jaalateef, waadaa abbootii teetiif gale eeguu waan barbaadeef, hunna ifii guddo'oon lafa garbumma'aa keessaa harka Fara'oonii mooticha Gibxi'ii jalaa si wode.
DEU 7:9 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa akka te'e beeki; inni Waaqa addatama'a; worra isa jaalatuu fi ajaja isaa eegatanuuf haga dhaloota kumaatitti gondooro'oo fi jaalala ifii ka bara baraa hin eega.
DEU 7:10 Worra isa jibbu ammoo balleessiisaan adoo isaan dhagganuu haluu hin baya; worra isa jibbu adoo isaan dhagganuu haluu bayiisaaf hin turu.
DEU 7:11 Tanaaf ajaja, seerataa fi seera ani adha si ajaje midhassii eegi.
DEU 7:12 Ajajoota kana caqattee miidhassitee yoo eedde, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma abbootii teetiif kakate, gondooro'oo fi jaalala ifii ka bara baraa si'iif hin eega.
DEU 7:13 Inni si jaalata, si eebbisa, laakkossaan keeti hin baceessa; inni lafa sii kenniisaaf abbootii teetiif waadaa gale keessatti ijoollee teeti, oorruu lafa teetiitii fi midhaan fichaa keetii, woyni'ii fi zayitii ejersaa teeti haareya, jabbilee loon keetii, ilmoolee hoole'ee fi re'ee teetii hin eebbisa.
DEU 7:14 Ati kolbaa dhibii caalaa hin eebbifanta; nama keeti keessaa dhiirtii fi dubartiille finna hin dhabanu; horii keeti keessalle'ee ka maseenu hin jiraatu.
DEU 7:15 Mootiin Waan Maraa dhukkuba mara irraa si eega; inni dhukkuba guddoo sodaachisu ka ati biyya Gibxi'ii keessatti beettu, worra si jibbu irratti fida malee si irratti hin fidu.
DEU 7:16 Kolbaa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti harka keetitti dabarsee kennu mara balleessi malee, isaaniif hin mararin. Isaan tiyyoo waan sitti te'anuuf, waaqota isaanii hin waaqonfatin.
DEU 7:17 Ati, «Kolbaan biyya adda addaa tun nu caalaa jajjaddu'u; nuuti attam dandeennee ariinee isaan baanna» jettee yaadda fa'a.
DEU 7:18 Isaan hin sodaatin. Waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti mooticha biyya Gibxi'iitii fi worra Gibxi'ii mara irratti godhe midhassii qaabadhu.
DEU 7:19 Balaa gugurdaa bilbaasota, maadee, hunna guddo'oo fi irree diriirsee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si baase ila teetiin dhaggiteerta. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, kolbaa biyya adda addaa ati amma sodaattu tana mara akkasuma hin godha.
DEU 7:20 Kana irralle'etti worri hafee si duraa dhokate, haga balleeffamanutti Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, sardama isaanitti hin erga.
DEU 7:21 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, Waaqi guddaan sodaachisaan waan si woliin jiruuf, isaan si hin rifachiisin.
DEU 7:22 Mootiin Waan Maraa kolbaa biyya adda addaa tana diqquma diqqo'oon si duraa ari'ee hin baasa. Bineensi akka sitti hin bacanne, mara isaanii yennuma takka'aan hin balleessin.
DEU 7:23 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, diinota keeti harka keetitti dabarsee kennee, haga isaan badanutti waan godhanu isaan hin wollaalchisa.
DEU 7:24 Inni mootota isaanii harka keetitti dabarsee hin kenna. Ati maqaa isaanii lafa irraa hin balleessita. Eennulle si dura dhaabbatuu hin dande'u; ati isaan mara hin balleessita.
DEU 7:25 Waaqota isaanii ka dharaa ibiddaan gubi. Meetii yookiin worqii irratti maxxanfanteertu halchitee hin fudhatin yookiin isiin Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ta diqachiittu waan teeteef, gufuu sitti teeti.
DEU 7:26 Waaqota dharaa diqachiisaa kana gara mana keetii yookiin gara keeti hin fidin; yoo fidde atille akkuma isaanii hin badda. Isaan badi'iif waan adda bayaneeranuuf, ijjumaa diqadhu.
DEU 8:1 Akka Jiraattanuuf, akka bacattanuuf, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kaku'uun waadaa galetti galtanee akka dhaaltanuuf, ifi eegadha'aatii ajaja ani adha isin ajaje mara eegadha'a.
DEU 8:2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, akka ati gad jettuuf, gadhaa keeti keessa waan jiru, ajaja isaa akka ati eegattu yookiin hin eeganne beekiisaaf, haga si ilaaliisaaf jedhee, karaa inni goomolee keessa woggaa afurtama si sooresse qaabadhu.
DEU 8:3 Inni nami jecha afaan Mootii Waan Maraa keessaa bawuun malee, sagalee qofaan le'uu akka hin dandeenne si barsiisiisaaf, inni si beelessee gad si qabe; achiin duuba mannaa abbootiin teetii fi atille hin beenne si nyaachise.
DEU 8:4 Woggaa afurtama tana duudii keessatti woyaan teeti hin dhumanne; miilli keetille hin iitonne.
DEU 8:5 Nami ijoollee ifii akkuma adabu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keetille akka si adabu gadhaa keeti keessatti beeki.
DEU 8:6 Karaa isaa irra deemiisaan, isa sodaatiisalle'een, ajajoota Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii mara eegadhu.
DEU 8:7 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, lafa dansaa ta bisaan yaa'uu fi baleessa bisaanii qaddu, ta maddi dhooqaa keessaa fi kooba keessa yaa'utti si hin galcha.
DEU 8:8 Latti sun lafa qamadi'i, lafa garbu'u, lafa muka woyni'ii, lafa muka harru'uu, lafa muka rumaanii, lafa muka ejersaatii fi lafa dammaa ti.
DEU 8:9 Latti sun ta sagaleen keessaa hin dhabanne, ta ati womaa keessaa hin dhanne, ta rassaan isi'ii sibiilaa, ta koobota isi'ii keessalle sibiila diimaa qottee baafattu.
DEU 8:10 Nyaattee yennaa quutte, lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kenne saniif isa leellifadhu.
DEU 8:11 Ajaja, seerataa fi seera ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti adha sii kennu eeguu dhabiisaan akka hin deene ifi eegadhu.
DEU 8:12 Yoo akkas hin te'in, yennaa nyaattee quuttu, yennaa manoota dadansaa ijaarattee keessa leetu,
DEU 8:13 horiin keetii fi hoole'ee fi re'een teeti yennaa sii horanu, meetiin, worqi'ii fi wonni ati qaddu martille yennaa sii bacattu,
DEU 8:14 koortee Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa si baase hin deeta.
DEU 8:15 Inni goomolee badhoo sodaachittuu keessa, lafa godduu bisaan hin qanne, goomolee dhudhuufa'aa fi makki keessa guutane san keessa si sooresse; rassaa jabaa keessaalle'ee bisaan sii baase.
DEU 8:16 Dhuma irratti wonni dansaan akka sii teetu, akka ati gad jettu haga si ilaaliisaaf, goomolee keessatti, mannaa abbootiin teeti ijjumaa nyaatanee hin beenne si nyaachise.
DEU 8:17 Ati, «Hunnaa fi jabeenna kiyyaan karra tana horadhe» hin jetta fa'a.
DEU 8:18 Ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma adha godhe kana gondooroo ifii ta abbootii teeti ta duriitiif kaku'uun gondoore jabeessiisaaf, akka ati karra tana horattu dandeettii waan sii kennuuf, isa qaabadhu.
DEU 8:19 Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keeti deetee, waaqota dhibii hordottee yoo waaqonfatte, isaaniifille yoo sagadde, dhugumaan akka isin baddanu ani adha dhugaa isin irratti hin baya.
DEU 8:20 Akkuma gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa isin duraa balleessee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif waan hin ajajaminiif, isinille hin baddan.
DEU 9:1 Ee Israa'el! Dhage'i. Ati adha qachoota gugurdaa dalleenni isaanii ka dhaka'aa haga gubba'aa ol dheeratu, gosa biyya adda addaa ta si caalaa bacattuu fi si caalaa hunna qaddu irraa fudhatiisaaf laga Yordaanosii gamatti hin buuta.
DEU 9:2 Kolbaan Aanaaqotaa kolbaa jajjadduu dhedheertu'u. Ati marroo isaanii hin beetta; «Aanaaqota eentu ifi irraa dhooggatiisa dande'a» jedhanuun dhageetteerta.
DEU 9:3 Te'uu malee akka ibidda gubuu si'iin dura ka gamatti bu'u Mootii Waan Maraa Waaqa keeti akka te'e adha beeki. Inni isaan hin balleessa; fuula keeti duratti isaan hin injifata. Ati Akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa sii galetti ariitee isaan hin baatta; ariitiille'een isaan hin fixxa.
DEU 9:4 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan si duraa ari'ee baaseen duuba, «Balchummaa tiyyaan akka ani lafa tana qabadhuuf, Mootiin Waan Maraa as na fide» jettee hin yaadatin. Balchummaa teetiinii moti; isaan hamoolee waan te'aneef, inni si duraa ari'ee isaan baase.
DEU 9:5 Ati lafa isaaniititti galtee wonni dhaaltuuf, balchummaa teetii fi qajeelummaa teetiin adoo hin te'in, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti abbootii teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif waan kakate muummessiisaaf, gosa biyya adda addaa tana marroo hammeenna isaaniitiif si duraa ari'ee baasa.
DEU 9:6 Ati waan mataa jabaattuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa dansaa tana ka sii kennuuf, balchummaa teetiif akka hin te'in beeki.
DEU 9:7 Goomolee keessatti Mootii Waan Maraa Waaqa keeti attam akka aarsite qaabadhu; ijjumaa hin dedhin. Guyyaa biyya Gibxi'iitii baatee jalqaddee, haga guyyaa as geettuutitti Mootii Waan Maraa irratti finqila kaatteerta.
DEU 9:8 Gaara Siina'aa irratti, haga isin balleessiisaaf ka'utti Mootii Waan Maraa guddoo mufachiittane.
DEU 9:9 Ani dhakaa baxxicha lama, dhakaa baxxicha lama ka gondooroo Mootiin Waan Maraa isin woliin gondooree fuudhiisaaf gara gaaraa yennaa ol baye, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gaara san irra ture; sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne.
DEU 9:10 Mootiin Waan Maraa dhakaa baxxicha lama ka seerri kudhan quba Waaqaatiin irratti barreeffameeru natti kenne. Guyyaa wolde'aa, ajaji Mootiin Waan Maraa gaara irraa, ibidda keessaa isinitti dubbate marti irra jiraayyu.
DEU 9:11 Mootiin Waan Maraa dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaa sanitti, dhakaa baxxicha gondooro'oo san natti kenne.
DEU 9:12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte waan battootteef, ariifadhuutii gaara kana irraa gad bu'i. Isaan yoosuma waan ani isaan ajaje irraa goranee, waaqota dharaa sibiila irraa baqisiisanee hujataneeran» jedhe.
DEU 9:13 Ammalle Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan tun kolbaa mataa jabaattu akka teete ani dhugumaan dhaggeera.
DEU 9:14 Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii lafa irraa haxowu na lakkisi; ani isaan caalaa gosa jadduu bacaa si hin godha» jedhe.
DEU 9:15 Maarre ani ibiddi gaara irraa adoo bobe'uu, dhakaa baxxicha gondooro'oo lamaan san harka kiyya lamaanitti qabadhee deebi'ee gaara irraa gad bu'e.
DEU 9:16 Ani yennaa ilaale, isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan irratti cubbuu hujjaneertanuun dhagge; isin waaqa dharaa fakkii jabbi'iitiin baqisiittanee hujattane. Karaa Mootiin Waan Maraa isin ajaje irraa ariifattanee gortane.
DEU 9:17 Tanaaf ani dhakaa baxxicha lamaan san harka kiyya irraa qolaansee isin duratti caccasse.
DEU 9:18 Achiin duuba ammalle, isin ila Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu isa aarsu hujiisaan, cubbuu hujjane maraaf, ani sagalee adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama fuula isaa duratti gombifame.
DEU 9:19 Mootiin Waan Maraa aaree isin balleessiisaaf waan ka'eef, ani aari'ii fi mufii isaa sodaadhe. Mootiin Waan Maraa ammoo ammalle naaf dhage'e.
DEU 9:20 Mootiin Waan Maraa Aaron balleessiisaaf itti aare; ani yennaa san Aaroniif daadimadhe.
DEU 9:21 Ani hujii cubbittii teessan, waaqa dharaa fakkii jabbi'iitiin hujjane sanille fuudhee ibiddaan gube. Achiin duuba fakkii san butuchee daakee bulleessee bukuu san bisaan gaara irraa gad bu'utti naqe.
DEU 9:22 Isin Tabeera'atti, Maasa'aa fi Qibrot-Hatawaalle'etti Mootii Waan Maraa aarsitane.
DEU 9:23 Mootiin Waan Maraa Qaadesh-Barne'aa yennaa isin baase, inni, «Dhaqa'aatii lafa ani isiniif kennu qabadha'a» jedhe. Isin ammoo ajaja isaa irratti finqila kaattane malee, isatti hin addanne yookiin isaaf hin ajajanne.
DEU 9:24 Yennaa ani isin beekeen jalqaddanee, isin Mootii Waan Maraa irratti finqiluma kaasiisatti jirtan.
DEU 9:25 Mootiin Waan Maraa, «Isin balleessa» waan jedheeruuf, ani fuula Mootii Waan Maraa duratti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gombifame.
DEU 9:26 Ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee, «Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa, qabeenna keeti ka te'ane, kolbaa teeti ta hunna teeti guddo'oo fi irree teeti jaddu'uun wodattee biyya Gibxi'ii keessaa baatte hin balleessin.
DEU 9:27 Tajaajiltoota teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob qaabadhu. Mataa-jabeenna, hammeennaa fi cubbuu kolbaa tanaa hin ilaalin.
DEU 9:28 Yoo akkas hin te'in, worri Gibxi'ii nu'uun: Mootiin Waan Maraa lafa isaanii waadaa galetti isaan galchuu waan dadhabeef, inni waan isaan jibbeef goomolee keessatti isaan ijjeesiisaaf isaan baase hin jedhan.
DEU 9:29 Isaan ammoo qabeenna keeti ka te'ane, kolbaa teeti ta ati hunna teeti guddo'oo fi irree teeti diriirsitee biyya Gibxi'ii keessaa baatte» jedhe.
DEU 10:1 Yennaa san Mootiin Waan Maraa, anaan, «Dhakaa baxxicha lama kama qaraa kaan fakkeessii bociitii, gaara irratti gara kiyya koy; saanduqa mukaalle huji.
DEU 10:2 Anille dhakaa baxxicha lamaan san irratti jechoota dhakaa baxxicha lamaan qaraa, ka ati caccassite irra jiru kaan, deebisee hin barreessa. Achiin duuba ati dhakaa baxxicha ani irratti barreesse lamaan san saanduqa keessa hin keetta» jedhe.
DEU 10:3 Maarre ani muka gololchaa irraa Saanduqa huje; dhakoota baxxicha lama kama qaraa kaan ka fakkaatu bocee, harkatti qabadhee gara gaaraa ol baye.
DEU 10:4 Mootiin Waan Maraa, akkuma barreeffama qaraa san ajajoota kudhan ka inni gaafa wolde'aa san gaara irratti ibidda keessaa isinitti dubbate san dhakoota baxxicha lamaan kana irratti barreesse. Achiin duuba dhakoota baxxicha lamaan san natti kenne.
DEU 10:5 Achiin duuba anille deebi'ee gaara irraa gad bu'ee, dhakoota baxxicha lamaan san akkuma Mootiin Waan Maraa na ajaje saanduqa huje san keessa keye; isaan ammalle achuma keessa jiran.
DEU 10:6 Israa'elooti boollota bisaan kolbaa Yaa'aakaanii biraa ka'anee, gara Moserootii deemane. Achitti Aaron du'ee awwaalame; ilmi isaa Ele'azaar addee isaatitti hayyuu te'e.
DEU 10:7 Isaan achii ka'anee gara lafa, «Gudgodaa» jedhantuu deemane; achille'ee ka'anee gara lafa bisaan yaa'u qadduu gara lafa, «Yoxbaataa» jedhantuu deemane.
DEU 10:8 Yennaa san Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa akka ba'attu, isa tajaajiliisaaf Mootii Waan Maraa dura akka dhaabbattu, maqaa isaatiin akka eebbittu, Mootiin Waan Maraa gosa Lewwi'ii adda baase. Haga adhaalle tajaajilli gosa Lewwi'ii kanuma.
DEU 10:9 Tanaaf gosi Lewwi'ii obboleeyyan ifii woliin qooda yookiin lafa dhadde; akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaanitti dubbate, Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti.
DEU 10:10 Ani akkuma yennaa qaraa godhe, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gaara irra ture. Mootiin Waan Maraa yennaa tanalle naa dhage'e. Inni isin balleessiisa hin feene.
DEU 10:11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan lafa ani abbootii isaaniitii kenniisaaf kakadhetti galanee dhaalanu, ka'iitii kolbaa tana sooressi» anaan jedhe.
DEU 10:12 Ammalle, ee Israa'el, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa, karaa isaa mara irra deemiisa, isa jaalatiisa, gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti'iin isa tajaajiliisa malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maan si irraa barbaada?
DEU 10:13 Wonni dansaan akka sii teetuuf, ajajaa fi seerata Mootii Waan Maraa ka ani adha sii kennulle akka eegatu malee maan si irraa barbaada?
DEU 10:14 Ol-gubbaan, ol-gubbaan ol-gubbootaatuu, lattii fi wonni isii irraa marti ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii ti.
DEU 10:15 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa abbootii teetitti gammadee, isaan jaalatee, adhalle gosa biyya adda addaa mara keessaa si sanyii isaanii filateera.
DEU 10:16 Tanaaf, isa tajaajiliisaaf qalbii teessan haqanqabaa qabadha'a; haganaa achi mata-jabeeyyii hin te'ina'a.
DEU 10:17 Sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, Waaqa waaqotaa, Goottaa goottotaa, Waaqa guddaa, hunnaamessa sodaatame, ka golii hin hunye, safuulle ka hin fudhanne.
DEU 10:18 Inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef, haadhotii hiyyeessaatiifille haqa mura. Inni alagaalle hin jaalata; sagale'ee fi woyaalle isaaf hin kenna.
DEU 10:19 Isinuu biyya Gibxi'ii keessatti alagaa teetanee waan beettanuuf, worra alagaa te'eeru jaaladha'a.
DEU 10:20 Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaadhuu, isa tajaajili. Isatti maxxaniitii, maqaa isaatiin kakadhu.
DEU 10:21 Inni ka ati leellifattu; Waaqa keeti ka adoo ati ila teetiin dhaggituu waan gugurdo'oo fi maade'ee ta sodaachittu ka si'iif godhe.
DEU 10:22 Abbootiin teeti nama torbaatama te'anee gara biyya Gibxi'iitti gad bu'ane. Amma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka urjii gubba'aa si baceesseera.
DEU 11:1 Mootii Waan Maraa Waaqa keeti jaaladhu; waan inni si irraa barbaadu seerata, seeraa fi ajajoota isaa yennaa mara eegadhu.
DEU 11:2 Adabbii Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii: Guddinna isaa, hunna jadduu isaa, irree isaa ta inni diriirse, dhaggitee ta beette ijoollee teessan adoo hin te'in, isin akka teetane adha qaabadha'a;
DEU 11:3 bilbaasotaa fi waan inni biyya Gibxi'ii keessatti mooticha Gibxi'iitii fi biyya isaa duudii irratti godhe,
DEU 11:4 yennaa isaan isin ari'iisatti jiranu, loltoota worra Gibxi'ii, fardoo isaaniitii fi garreettaa isaanii ka fardaan harkifamu waan inni godhe, attam akka inni bisaan abbaayaa Diintu'uu isaanirra garagalche, Mootiin Waan Maraa attam akka isaan balleesse, sababa saniif haga adhaa akka isaan farrane qaabadha'a.
DEU 11:5 Haga isin as geettanutti, waan inni goomolee keessatti isinii godhe ka dhagge, ijoollee teessanii moti.
DEU 11:6 Gosa Ruubenii keessaa ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiramii waan inni godhe, Israa'eloota wodhakka'atti, latti afaan ifii banattee, maatii isaanii, dunkaanii isaaniitii fi horii isaanii akka liqinsite isaan hin dhaggine.
DEU 11:7 Ilti teessan ammoo waan gugurdoo Mootiin Waan Maraa godhe dhaggiteerti.
DEU 11:8 Maarre laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa dhaaltanutti galiisaaf, qabatiisaafille jabeenna akka qabaattanu, ajajoota ani adha isinii kennu kana mara eegadha'a.
DEU 11:9 Yoos, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessan ta duriitii fi sanyii isaaniitiif kenniisaaf kakate, lafa aananii fi dammaa san keessa bara dheeraa hin leetan.
DEU 11:10 Latti ati itti galtee qabattu, akka lafa Gibxi'ii ta ati keessaa baatee dhuttee, ta yennaa midhaan itti facaafattu, akka addee oorru'uu, miilaan deddeebitee, bisaan obaafattuu moti.
DEU 11:11 Latti isin laga Yordaanosii gamatti buutanee qabattanu ammoo, lafa gaaraa fi dhooqa qaddu ta ol-gubbaa irraa roobi itti roobu.
DEU 11:12 Lafa tana ka kunuunsu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ilti Mootii Waan Maraa ta Waaqa keetii jalqaba wogga'aatii haga dhuma wogga'aatitti yennaa mara isii toowatti.
DEU 11:13 Maarre ati ajajoota ani adha sii kennu kana addatamumma'aa yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti jaalattee, gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin yoo isa tajaajilte,
DEU 11:14 akka ati midhaan keeti, woynii teetii fi zayitii ejersaa teeti galfattu, inni lafa teeti irratti yennaa yennaa isaatitti rooba gannaatii fi hageyyaa hin roobisiisa.
DEU 11:15 Inni horii keetiif diida keessatti marra hin kenna; atille waan nyaattee quuttu hin qabaatta.
DEU 11:16 Ifi sossoddee yookiin duubatti deebitee waaqota dhibii akka hin waaqonfannee fi akka isaaniif hin saganne ifi eegadhu.
DEU 11:17 Yoo tana gootane, Mootiin Waan Maraa isinitti aaree, ol-gubbaa cufee bokkeenni akka hin buunee fi latti midhaan akka hin kennine hin godha. Isinille lafa dansaa Mootiin Waan Maraa isinii kennu irraa yoosuma hin baddan.
DEU 11:18 Jechoota kiyya kana gadhaa keessanii fi qalbii teessan keessatti qabadha'a; qaabbii akka isinii teetu harka keessan irratti hidhadha'a; adda keessan irralle'etti keyadha'a.
DEU 11:19 Ijoollee teessanille barsiisa'a. Yennaa mana teettanu, yennaa karaa deentanu, yennaa irkattanu, yennaa kaatanulle marroo jechoota kanaa haasowa'a.
DEU 11:20 Mikikkila balbala mana keessaniitii fi karra dalleya keessanii irratti barreessa'a.
DEU 11:21 Yoo tana gootane, barri keessanii fi barri ijoollee teessanii lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kakate keessatti akka bara ol-gubbaa lafaan gubba'aa hin dheerata.
DEU 11:22 Ajajoota ani isinii kennu kana akka dansaa yoo eegattane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan yoo jaalattane, karaa isaa mara irra yoo deentane, isatti yoo maxxantane,
DEU 11:23 Mootiin Waan Mara gosa biyya adda addaa tana mara isin duraa ari'ee baasee, isinille gosa biyya adda addaa ta isin caalaa bacattuu fi hunna qaddu akka isaan lafa san irraa ka'anu hin gootan.
DEU 11:24 Addeen miilli keessan ijjatu marti teessan hin teeti: Meessaan lafa teessanii goomolee irraa ka'ee haga Libaanoniititti, akkasuma laga Efraaxiisii irraa ka'ee haga abbaayaa Mediteraaniya'aatitti hin badhata.
DEU 11:25 Nami isin dura dubbatiisa dande'u hin jiru. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akkuma waadaa isinii galetti, addee isin dhaxxanu duudi'itti akka isin sodaatanee bararaqanu hin godha.
DEU 11:26 Kunoo, ani adha eebbaa fi abaarsa isin dura keya.
DEU 11:27 Ajajoota Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii ka ani adha isinii kennu mara yoo eegattane, hin eebbifantan.
DEU 11:28 Ajajoota Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii yoo eegatuu diddane, karaa isaa ka ani adha isin ajaju kana irralle'ee yoo gortane, waaqota dhibii worra dur hin beenne yoo waaqonfattane, hin abaarantan.
DEU 11:29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati itti galtee dhaaltutti yennaa si galche, gaara Geriiziimii irraa eebba, gaara Ebaalii irraa abaarsa hin lalladda.
DEU 11:30 Gaaroti kun Yordaanosiin gama, lafa Kana'aanota Arabaayi keessa le'anu keessa, karaa gara aduun seentu jiru, gara seensa adu'uutiin, fuullee qachaa Giilgalii, qilxaa Mooree biratti dhaggamanii motii ree?
DEU 11:31 Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galtanee fudhatiisaaf, laga Yordaanosii gamatti marroo buutanuuf, yennaa isii fudhattanee keessa leetanu,
DEU 11:32 seerataa fi seera ani adha isinii kennu mara muummessiisaaf ifi eegadha'a.
DEU 12:1 Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii, lafa akka qabattanu isinii kennu keessa bara leetanu mara, seerataa fi seerri isin ifi eegatiisaan muummessitanu isaan kana.
DEU 12:2 Addee gosi biyya adda addaa ta isin akka isaan isin duraa ka'anu gootanu, ta isaan waaqota ifii itti waaqonfatanu ta gaarota dhedheera'aa fi koobota irraa, ta muka banqaaqaa mara jalaalle ijjumaa balleessa'a.
DEU 12:3 Addee ciinca'aa ta isaanii caccassa'aa diiga'a; soodduu woyyittii isaanii butucha'a; utuboota waaqa dharaa ta isaanii ta, «Asheeraa» jedhantuu ibiddaan guba'a; waaqota isaanii ka dharaa mura'aa jissa'a; maqaa isaanii addee san irraa balleessa'a.
DEU 12:4 Isin karaa isaan waaqota ifii ka dharaa waaqonfatanuun, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hin waaqonfatina'a.
DEU 12:5 Isin ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan gosa teessan mara keessaa, addee maqaan isaa akka itti waamamu, addee bultoo ifii godhatiisaafille inni filatu barbaada'aatii, achi dhaqa'a.
DEU 12:6 Achitti kennansa gubamuu fi ciincaa, kudhan keessaa tokkoo fi kennansa addaa, kennansa kenniisaaf waadaa galtane, kennansa fedhii teessanii, loon, hoole'ee fi re'ee teessan keessaa ka qara dhalatu dhikeessa'a.
DEU 12:7 Achitti fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii duratti hin nyaatin. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin eebbiseef, isinii fi maatiin teessan Waan harka keessaniin hujjaneen hin gammaddan.
DEU 12:8 Isin akka nuuti adha nami martinuu akkuma itti fakkaatte godhu kana hin godhina'a;
DEU 12:9 Sababille isin addee fooraa lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennu ammalle hin geenne.
DEU 12:10 Te'uu malee, laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan dhaala godhee isinii kennu keessa yennaa qabattanu, nageyaan akka leetanu, inni diinota adaala keessan jiranu mara irraa isin hin foorfachiisa.
DEU 12:11 Achiin duuba addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka maqaan isaa itti waamanuuf, addee bultoo ifii godhatiisaaf filatetti, waan ani isin ajaju mara: kennansa gubamuu fi ciincaa, kudhan keessaa tokkoo fi kennansa addaa, qabeenna Mootii Waan Maraatii kenniisaaf waadaa galtanee adda baafattane hin fiddan.
DEU 12:12 Achitti isin, ilmaan teessan, durra teessan, tajaajiltoota teessan ta dhiiraatii fi dubarti'ii, Lewwoota qachoota keessan keessa le'anu ka qooda yookiin lafa ifii hin qanne woliin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti gammada'a.
DEU 12:13 Kennansa keeti ka gubamu adduma dhaggitetti akka hin ciincessine ifi eegadhu.
DEU 12:14 Gosa teeti keessaa addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatu qofatti ciincaa san ciincessi; achitti waan ani si ajaju mara godhi.
DEU 12:15 Te'uu malee akkuma eebba Mootiin Waan Maraa sii kennetti, qachoota keeti kamiiyyuu keessatti horii keeti, akkuma buddanne'ee yookiin gadansaa qaliitii foon haga barbaadde nyaadhu; akka aadaa dhugeeffanna'aatitti nami qulqulluu te'e yookiin qulqulluu hin te'inille foon san nyaatuu hin dande'a.
DEU 12:16 Dhiiga isaanii ammoo akka bisaanii lafatti gad dhangalaas malee hin nyaatin.
DEU 12:17 Midhaan, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa teeti harka kudhan keessaa harka tokko yookiin loon, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa ka qara dhalate yookiin waan kenniisaaf waadaa galte mara, yookiin kennansa fedhii teetiin kennitu yookiin kennansa keeti ka addaa qachaa keeti keessatti hin nyaatin.
DEU 12:18 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii filutti ati, ilmaan teetii, durra teeti, tajaajiltoota teeti ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii, Lewwoota qachaa keeti keessa le'anu woliin Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti kennansa kana nyaadhu; waan harka keetiin hujjelle'een gammadi.
DEU 12:19 Lafa teeti keessa haga leetu, worra Lewwootaa akka hin deene ifi eegadha'a.
DEU 12:20 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma waadaa sii galetti, lafa teeti yennaa sii badhisu, ati foon dharraatee, «Ani foon fedha» yennaa jette, akkuma barbaaddetti foon nyaatuu hin dandeetta.
DEU 12:21 Addeen Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka itti waamamuuf filate si irraa guddoo yoo fagaatte, akkuma ani si ajajetti loon yookiin hoole'ee fi re'ee Mootiin Waan Maraa sii kenne keessaa qalattee, qachaa keeti keessatti haga barbaadde nyaatuu hin dandeetta.
DEU 12:22 Eennulle nami aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu te'e yookiin qulqulluu hin te'in akkuma foon gadansaa yookiin foon buddanne'ee nyaatuu hin dande'a.
DEU 12:23 Ati ammoo dhiiga akka hin nyaanne hubadhu; dhiigi lubbuu waan te'eef, lubbuu foon woliin hin nyaatin.
DEU 12:24 Dhiiga akkuma bisaanii lafatti dhangalaas malee hin nyaatin.
DEU 12:25 Ati ila Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e yennaa hujju, si'ii fi ijoollee si'iin duubaatiif akka toltu dhiiga hin nyaatin.
DEU 12:26 Waan keeti ka woyyuu te'ee fi waan Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa galte ammoo fudhadhuutii gara addee Mootiin Waan Maraa filante san dhaqi.
DEU 12:27 Kennansa keeti ka gubamu foonii fi dhiiga addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii irratti dhikeessi. Dhiigi ciincaa keetii addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii cina'atti dhangalaafamuu ti; foon ammoo nyaatuu dandeetta.
DEU 12:28 Ila Mootii Waan Maraa Waaqa keetii duratti waan dansa'aa fi sirrii te'e waan hujjuuf, si'ii fi ijoollee teeti ta si'iin duubaatiif haga bara baraa akka toltuuf, ajajoota ani adha siif kennu mara muummessiisaaf ifi eegadhu.
DEU 12:29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, lafa ati qabatiisaa dhaxxu irraa gosa biyya adda addaa si duraa ijjumaa hin balleessa; atille lafa isaan irraa fudhatte keessa yennaa qabutte,
DEU 12:30 isaan badaneen duuba, «Anille akkuma isaanii akka godhuuf, gosi biyya adda addaa tun attamiin waaqota ifiitiif tajaajilan?» jettee marroo waaqota isaanii iyyaafattee tiyyo'otti akka hin galle ifi eeggadhu.
DEU 12:31 Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keeti karaa isaan waaqonfatanuun hin waaqonfatin. Sababille isaan waaqota ifii yennaa waaqonfatanu, waan diqachiisu ka Mootiin Waan Maraa jibbu mara godhan. Isaan ijoollee ifiituu ilmaan fi ijoollee ifii ta durraa ibidda addee ciinca'aa irratti waaqota ifiitiif ciincessan.
DEU 12:32 Kunoo, waan ani si ajaje mara godhi; waan tokkolle itti hin dabalin yookiin irraa hin dhidhisin.
DEU 13:1 Raagichi tokko yookiin nami oojju'uun moru tokko odduu teessanii ka'ee, bilbaasa yookiin maadee yoo isinitti hime,
DEU 13:2 bilbaasii fi maadeen inni dubbate yoo teete, innille, «Kowa'a, waaqota dhibii hordonna; isaan waaqonfanna» jedhee waaqota dur isin hin beennetti yoo isin geesse,
DEU 13:3 isin raagicha san yookiin nama oojju'uun moru san hin dhage'ina'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka isin gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin isa jaalattanu haga isin ilaaliisatti jira.
DEU 13:4 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa'a; isa sodaadha'a; ajajoota isaa eegadha'a; isaaf ajajama'a; isa tajaajila'a; isatti maxxana'a.
DEU 13:5 Raagichi sun yookiin nami oojju'uun moru sun, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baasee, garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa ka isin wode akka finqiltanu waan lallabuuf ijjeefamuu qaba. Inni karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin hordottanu isin ajaje irraa akka isin gortanu wodhaana. Akka kanaan waan hantuu odduu teessanii balleessa'a.
DEU 13:6 Obboleessi keeti yookiin ilmi keeti yookiin intalti teeti yookiin niitiin teeti ta ati jaalattu yookiin jaalli keeti ka lubbu'uu, «Koy dhandhee waaqota dhibii waaqonfannaa» jedhee dhossa'aan si hawadatee, waaqota atii fi abbootiin teeti ijjumaa hin beenne, akka waaqonfattuuf,
DEU 13:7 «waaqota kolbaa adaala keetii ta dhikoo yookiin fagoo, qaccee lafa tokkoo irraa haga lafa taaniititti jirtuu, hin waaqonfanna» yoo jedhe,
DEU 13:8 ati isaaf tole hin jedhin yookiin isa hin caqasin. Isaaf hin mararin. Isa hin lakkisin yookiin hin dhossin.
DEU 13:9 Gadhaa adoo hin guurin isa ijjeesi! Ati matooma dhaka'aan isa tumi; achiin duuba kolbaan marti dhaka'aan isa tuntuu ti.
DEU 13:10 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka lafa garbumma'aa biyya Gibxi'ii keessaa si baase irraa si fageessiisaaf waan wodhaaneef, dhaka'aan tumii isa ijjeesi.
DEU 13:11 Achiin duuba kolbaan Israa'elii tana yoo dhageette hin sodaatti; odduu teessan nami waan hantuu akkasii deebi'ee huju hin jiraatu.
DEU 13:12 Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennu keessa yennaa leetanu, namooti hamooleen odduu teessanii ka'anee, waaqota isin ijjumaa hin beenne, «Kowa'a, dhandhee waaqota dhibii waaqonfanna» jedhanee kolbaa ifii dokonkorsanuun yoo dhageettane,
DEU 13:14 iyyaafadha'aa, qorqora'aatii, miidhassa'aa gaafadha. Wonni hantuun akkasii tun odduu teessanitti hujantee yoo jiraatte,
DEU 13:15 worra qachaa san keessa le'anu mara shallaaga'aan ijjeesi. Qachaa san kolba'aa fi horii isaa mara woliin ijjumaa balleessi.
DEU 13:16 Waan qachaa san keessaa booji'ame mara wodhakkaa addee dikko'ootitti wolitti qabiitii, akka kennansa duuduma gubamuu, ka Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu godhiitii qachaa sanii fi waan booji'ame san mara gubi. Qachaan sun haga bara baraa tuulaa bututaa te'ee hafuu malee, ijjumaa deebi'ee hin ijaaramin.
DEU 13:17 Akka Mootiin Waan Maraa aarii ifii ta bobeettu irraa deebi'ee, isiniif mararu, wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame tokkolle harka keeti keessatti hin dhaggamin; inni akkuma abbootii teessan ta duriitiif waadaa galee kakate, isiniif hin marara; isiniif hin naya; laakkossa keessanille hin baceessa.
DEU 13:18 Isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantanee, ajaja isaa ka ani adha isiniif kennu mara yoo eegatane, ila isaa duratti waan sirrii te'e yoo hujjane innille tana isiniif hin godha.
DEU 14:1 Isin ijoollee Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii ti. Nama du'eef nafa keessan ifi hin mummurina'a; mataa keessanille hin haadatina'a.
DEU 14:2 Isin kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyoontane waan teetaneef, inni qabeenna isaa ka addaa akka teetanuuf, kolbaa biyya lafaa irra jirtu mara keessaa isin filateera.
DEU 14:3 Waan battii te'e tokkolle hin nyaatina'a.
DEU 14:4 Tanaaf hori'ii fi bineensi isin nyaattanu: loon, hoolee, re'ee,
DEU 14:5 gadansa, buddannee, gadansa gaafa torbaa, godaa, qorkee, busowaa, hoolee gaaraa,
DEU 14:6 hori'ii fi bineensa keessaa ka kotteen isaanii baqaqa qaddu, ka alalfatanu nyaadhu.
DEU 14:7 Hori'ii fi bineensota alalfatanu ka kotteen isaanii baqaqa hin qanne, gaala, hilleensaa fi osolee hin nyaatina'a.
DEU 14:8 Booyyeen kotteen isi'ii baqaqa yoo qabaattelle, waan hin alalfanneef, aadaa dhugeeffanna'aatiin isin biratti battii teetuu ti; hin nyaatina'a. Reeffa isi'iille hin tuqina'a.
DEU 14:9 Dada bisaan keessa leetu mara keessaa ta koolaa fi solloqqee qaddu mara nyaadha'a.
DEU 14:10 Dada bisaan keessa leetu ta koolaa fi quncee hin qanne mara hin nyaatina'a. Isaan isin biratti battii te'anuu ti.
DEU 14:11 Sinbirroota qulqulloota te'ane mara nyaatuu hin dandeettan.
DEU 14:12 Sinbirrooti isin hin nyaanne ammoo: risaa, allaattii, rumicha,
DEU 14:13 culullee, jajjuu, culullee gosa adda addaa,
DEU 14:14 harraaqessa gosa adda addaa,
DEU 14:15 guchii, baabboo, haanqaa, balguda gosa adda addaa,
DEU 14:16 urunguu, qillisaa, alaakaa,
DEU 14:17 qongaa, allaattii gosa adda addaa, huummoo,
DEU 14:18 fududdee, dhaatii gosa adda addaa, looyyitu'uu fi cirrichoo fa'a.
DEU 14:19 Dadi didiqqoon koolaan ka'anu marti isiniif ka battowane te'anuu ti; isaan hin nyaatina'a.
DEU 14:20 Isaan keessa ka qulqulluu te'ane ammoo nyaadha'a.
DEU 14:21 Isin kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyoontane waan teetaneef, waan ifiin du'e mara hin nyaatina'a; alagaan qachaa keessan keessa jiru akka nyaatu kenna'aaf yookiin ormaaf gurgura'a. Ilmee re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelina'a.
DEU 14:22 Midhaan wogguma wogga'aan fichaa keeti keessaa galfattu mara irraa, harka kudhan keessaa tokko adda baasi.
DEU 14:23 Yennaa mara Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa akka barattu, midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii haareya teeti keessaa, zayitii ejersaa teeti haareya keessaa ka matoomaa, loon, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa ka qara dhalatu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filattetti isa duratti nyaadhu.
DEU 14:24 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbiseeruun kudhan keessaa tokko geessiisaaf, addeen Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filate, si irraa guddoo yoo fagaatte,
DEU 14:25 kudhan keessaa tokko san gara beese'ee jijjiiriitii, beesee san qabadhuutii, gara addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filate san dhaqi.
DEU 14:26 Achitti beesee saniin waan jaalatte mara: loon, hoolee, daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu yookiin waan halchite mara bitadhu; achiin duuba atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti nyaadha'aatii gammada'a.
DEU 14:27 Lewwooti qachaa keeti keessa le'anu, qooda yookiin lafa ifii waan hin qanneef isaan hin dedhin.
DEU 14:28 Dhuma woggaa sadeesso'oo mara, midhaan woggaa sanii keessaa kudhan keessaa tokko fidiitii, qachoota keeti keessatti kuufadhu.
DEU 14:29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetiitiin akka si eebbisuuf, Lewwooti qooda yookiin lafa ifii hin qannee fi alagaan, ijoolleen abba'aa fi haadha hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keessan keessa le'anu dhufanee nyaatanee quufanuu ti.
DEU 15:1 Dhuma woggaa torbeesso'ootitti liqaa worra si irraa liqeeffatee lakkisiif.
DEU 15:2 Akki ati liqaa namaaf lakkittu asii gad jira; Mootiin Waan Maraa liqaan akka namaaf lakkifamu waan lasseeruuf, nami liqeessu marti, obboleessa ifii nama Israa'eliitiif liqaa liqeesse isaaf lakkisuu ti.
DEU 15:3 Liqaa ormaaf liqeessite gaafatuu hin dandeetta; liqaa obboleessi keeti nami Israa'elii si irraa liqeeffate maraayyuu lakkisiif.
DEU 15:4 Te'uu malee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf, sii kennu keessatti, guddoo waan si eebbisuuf, odduu teeti hiyyeessi hin jiraatu.
DEU 15:5 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, ajaja ani adha sii kennu kana maralle miidhassitee yoo eegatte qofa tun sii teeti.
DEU 15:6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma waadaa sii gale waan si eebbisuuf, ati gosa biyya adda addaa heddu'uuf hin liqeessita malee, eennu irralle'ee hin liqeeffattu. Ati gosa biyya adda addaa hedduu hin bulchita malee, eennulle si hin bulchu.
DEU 15:7 Obboleessi keeti Israa'elichi qachoota lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa worra le'anu keessaa nami tokko hiyyeessa yoo te'e, inni obboleessa keeti waan te'eef, gadhaa itti jabaattee, isa qarqaaruu hin didin.
DEU 15:8 Tanaa mannaa, arjoomiitii haga isaaf barbaachisu mara liqeessiif.
DEU 15:9 Ati, «Woggaan torbeesso'oo ka liqaan namaaf itti lakkifamu geyeera» jettee, yaad hamaan qalbii teeti keessa seenee, obboleessa keeti dhabaa sanitti gadhaa jabaattee, adoo isaaf woy hin kennin hin hafin; innille gara Mootii Waan Maraa iyyee, ati yakkaamessa akka hin teene ifi eegadhu.
DEU 15:10 Ati yennaa isaaf kennitu gammadaan kenniif malee hin qucuucamin. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii teeti maraa fi waan harki keeti tuqe maraan si hin eebbisa.
DEU 15:11 Worri hiyyeeyyiin yoomille lafa irraa hin dhabamu. Tanaaf, ani obboleeyyan teeti Israa'elootaaf, worra hiyyeeyyi'ii fi worra rakkataa lafa teeti keessaatiif akka kennitu si ajaja.
DEU 15:12 Sanyii Ibrootaa keessaa dhiirti yookiin dubartiin yoo sitti gurguramane, nami sitti gurgurame sun woggaa jaa si tajaajiluu ti; woggaa torbeesso'oo keessa nami sun si irraa bilisa bayuu ti.
DEU 15:13 Yennaa inni si irraa bilisa bayu, ati harka duwwaa isa hin lakkisin.
DEU 15:14 Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbisetti hoole'ee fi re'ee teeti keessaa, midhaan eeddummee teeti keessaatii fi daadhii woyni'ii teeti irraa isaaf kenni.
DEU 15:15 Ati biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani adha si ajaja.
DEU 15:16 Garbichi keeti sun ammoo, si bira tee'iisi waan isatti toleef, si'ii fi maatii teeti waan jaalateef, «Ani si biraa hin deemu» yoo siin jedhe,
DEU 15:17 gara balbala mana keetii geessiitii, muta'aan gurra isaa uri; achiin duuba inni bara jiruu ifii garbicha keeti hin te'a. Garbittii teetille akkasuma godhi.
DEU 15:18 Yennaa bilisa isa baattu, tajaajilaan qaxarame tokko woggaa jaa ka sii huju caalaa dachaa lama, waan sii hujeef, isa bilisa baasuun sitti hin ulfaatin. Ati tana godhi; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti waan ati gootu maraan si hin eebbisa.
DEU 15:19 Loon keeti keessaa jiboota, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa korbeeyyii qara dhalatanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif adda baasi. Jiboota qara dhalatteen hin qotin; korbeeyyii hoole'ee ta qara dhalatte rifeensa irraa hin murin.
DEU 15:20 Addee Mootiin Waan Maraa filatutti atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti woggaa wogga'atti jibootaa fi korbeeyyii san hin nyaattan.
DEU 15:21 Horiin sun ammoo fafa tokko yoo qabaate, naafa yookiin ballaa yookiin fafa hamaa yoo qabaate, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif hin ciincessin.
DEU 15:22 Horii akkasii kana qachuma keessan keessatti akkuma buddanne'ee yookiin akkuma gadansaa nyaatuu hin dandeettan. Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti nami qulqulluu te'e yookiin ka qulqulluu hin te'inille nyaatuu hin dande'a.
DEU 15:23 Dhiiga horii sanii ammoo, akkuma bisaanii lafatti dhangalaasa'a malee hin nyaatina'a.
DEU 16:1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ji'a «Abiib» jedhamu halkaniin biyya Gibxi'ii keessaa waan si baaseef, ji'a kana keessa Mootii Waan Maraa keetiif Jila Irra Dabaramaa jilifadhu.
DEU 16:2 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka itti waaqonfamuuf filatu sanitti, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa yookiin loon keeti keessaa filiitii ciincaa Jila Irra Dabaramaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ciincessi.
DEU 16:3 Foon ciinca'aa san daabboo uukoo qadduun hin nyaatin. Ati ariiti'iin biyya Gibxi'ii keessaa waan baateef, bara le'ii teetii mara guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baate san akka qaabattuuf, guyyaa torba daabboo uukoo hin qanneen nyaadhu. Isiin daabboo rakkinnaa ti.
DEU 16:4 Guyyaa torba san keessatti lafa teeti mara keessatti uukoon hin dhaggamin. Foon ati guyyaa qaraa galgala ciincaa dhikeessite halkan san irraa hafee haga ganamaatitti hin turin.
DEU 16:5 Ciincaa Jila Irra Dabaramaa, qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessaa tokko keessalle'etti hin dhikeessin.
DEU 16:6 Garuu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka waamamuuf filatutti, yennaa aduun seentu, saatii ati biyya Gibxi'iitii baatetti dhikeessi.
DEU 16:7 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti foon iffeeliitii nyaadhu; ganama gara dunkaanii teetii deebi'ii deemi.
DEU 16:8 Guyyoota jaa daabboo uukoo hin qanne nyaadhu; guyyaa torbeesso'oo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yaa'iin woyyittiin godhantuu ti; guyyaa san hin hujin.
DEU 16:9 Guyyaa midhaan haamamiisa jalqabeen kaasiitii torbaan torba laakkowiisa jalqabi.
DEU 16:10 Achiin duuba akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbisetti, kennansa fedhii teetii dhikeessiisaan, jila torbaan torbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif jilifadhu.
DEU 16:11 Ati, ilmi keeti, intalti teeti, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, worri Lewwootaa ka qachoota keeti keessa jiranu, worra alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi dubartii haadhotii hiyyeessaa ta odduu teessan jiranu woliin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filatutti, Mootii Waan Maraa duratti gammadi.
DEU 16:12 Atille dur biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teete qaabadhu; seerata kana akka dansaa eegadhu.
DEU 16:13 Midhaan keeti eeddummee irraa, midhaan woynii teetiille addee itti cunfantu irraa galfatteen duuba, guyyaa torba jila gose'ee jilifadhu.
DEU 16:14 Atii fi ilmi keeti, intalti teetille, tajaajilaan keeti, tajaajiltuun teeti, Lewwooti, worri alaga'aa, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa ta qachoota keeti keessa jiranulle jila tanatti gammada'a.
DEU 16:15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, midhaan keetii fi waan ati hujattu maraan waan si eebbisuuf, addee inni filatutti jila tana Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, guyyaa torba jilifadhu.
DEU 16:16 Dhiirti teeti marti addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti, wogga'atti yennaa sad Jila Irra Dabaramaa, Jila torbaan torbaatii fi Jila Gose'ee jilifatiisaaf wolitti qabamanuu ti. Isaan jilaaf yennaa dhufanu harka duwwaa Mootii Waan Maraa dura hin dhufin.
DEU 16:17 Nami martinuu akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa eebbisetti kennuu ti.
DEU 16:18 Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu mara keessatti akkuma gosa gosa teetiititti, abbootii mura'aatii fi bulchitoota fili. Isaan adoo wol hin caalchisin kolba'aaf muraa kennuu qaban.
DEU 16:19 Muraa hin dassin; nama woli hin caalchisin; safuun ila worra qaroole'ee balleessitee, dubbii worra balchoole'ee waan micciirtuuf, safuu hin fudhatin.
DEU 16:20 Ati akka jiraattuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennulle akka dhaaltuuf, haqa, haqa qofa hordofi.
DEU 16:21 Addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii biratti utubaa waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu hin dhaabin.
DEU 16:22 Utuboota dhaka'aa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti jibbulle hin dhaabin.
DEU 17:1 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif diqachiisaa waan te'aneef, loon yookiin hoolee teeti keessaa ka fafa qabanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif hin ciincessin; inni kana hin jibba.
DEU 17:2 Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti dhiirti yookiin dubartiin odduu teessanitti, fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keetii duratti waan hantuu hujanee Gondooroo isaa yoo diiganee,
DEU 17:3 waan ani isaan dhoogge waaqota dhibii tajaajilanee yoo isaan waaqonfatane yookiin aduu yookiin ji'a yookiin urjii yookiin dada ol-gubba'aa tokkolle'eef yoo sagadane,
DEU 17:4 oduun akkasii sitti himamee yennaa dhageette jabeessii qorqori; wonni badduun tun Israa'el keessatti te'iis isi'ii dhugaa yoo teete,
DEU 17:5 dhiira yookiin dubartii san qachaa keessaa gara karraa baasiitii, dhaka'aan tumiitii ijjeesi.
DEU 17:6 Nami ijjeefamu sun, nami lama yookiin sad yoo isa irratti dhugaa baye malee, dhugaa baya nama tokkootiin hin ijjeefamin.
DEU 17:7 Isa ijjeesiisaaf qara dhugaa baatoti, achiin duuba kolbaan marti dhaka'aan isa tumanuu ti. Akka kanaan waan badduu mara odduu teessanii hin balleessita.
DEU 17:8 Dubbiin dhiiga dhangalaasiisaa, dubbiin marroo qabeenna namaa, dubbiin dhowanee nama miidhiisaa yookiin dubbii dhibii tana fakkaattu ta qachaa keeti keessatti kaatu irratti, muraa itti kenniisa yennaa dadhaddu, addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatutti geessiitii,
DEU 17:9 worra Lewwootaa hayyootaa fi worra yennaa san abbootii mura'aa te'eerutti yaada san dhikeessi. Yennaa san isaan muraa san sitti hin himan.
DEU 17:10 Atille waan isaan addee Mootiin Waan Maraa filatu sanitti sitti himane godhi. Waan isaan sitti himane mara sirri'itti hujii irra oolchi.
DEU 17:11 Akka seera isaan barsiisanee fi murtee isaan kennanetti hujadhu malee, isii irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorin.
DEU 17:12 Nami tokko abbaa mura'aa yookiin hayyicha Mootii Waan Maraa Waaqa keeti tajaajiluuf ajajamuu didee yoo tuffate inni ijjeefamuu ti; akka kanaan waan hantuu Israa'el keessaa mara hin balleessita.
DEU 17:13 Achiin duuba nami marti tana dhage'ee hin sodaata; deebi'ee waan hantuu hujiisaaf itti hin gamu.
DEU 17:14 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu dhaaltee, achi keessa qubatteen duuba, «Ani akkuma gosa biyya adda addaa ta adaala kiyyaa mootii hin mootonfadha» yoo jette,
DEU 17:15 obboleeyyan teeti keessaa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii filu mootonfadhu malee, nama ormaa ka obboleessa keeti hin te'in mootii hin godhatin.
DEU 17:16 Mootichi sun fardoo bacaa hin horatin; Mootiin Waan Maraa, «Karaa kanaan lammeessoo hin deebi'ina'a» waan jedheeruuf, akka kolbaan fardoo bacaa horatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaxxu hin godhin.
DEU 17:17 Qalbiin isaa karaa irraa akka hin gorreef, mootichi sun niitolee hedduu hin qabaatin; meeti'ii fi worqii bacaalle hin tuulatin.
DEU 17:18 Inni barcumaa mootummaa ifii irra yennaa tee'u, kitaaba Lewwoota hayyoota bira jiru ka seerri Waaqaa irratti barreeffameeru kana irraa barreeffatee, woraabbii tokko qabaatuu ti.
DEU 17:19 Inni jechoota seeraa fi seerata kanaa mara eegatiisaan, muummessiisalle'een, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii sodaatiisa akka ittiin baratu, isa bira tee'uu ti. Inni bara jiruu ifii mara isa dubbisuu ti.
DEU 17:20 Obboleeyyan ifii Israa'eloota irratti akka inni hin koorre, Israa'el keessatti mootummaan isaatii fi ijoolleen isaa bara dheeraa akka jiraatanu, ajaja Waaqaa irraa gara middaa yookiin gara bita'aa akka inni hin gorre isa eega.
DEU 18:1 Gosi Lewwootaa hayyooti, gosi Lewwootaa martinuu, sagalee kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikaattu qooda ifii godhatanee nyaatanuu ti malee, Israa'el keessatti qooda lafaa yookiin dhaala tokkolle hin fudhatin.
DEU 18:2 Inni akkuma waadaa isaaniif galetti Mootiin Waan Maraa dhaala isaanii ti; tanaaf isaan obboleeyyan ifii Israa'el keessatti lafa hin qabanu.
DEU 18:3 Loon yookiin hooleen yennaa ciinca'aaf dhikaatanu, hayyooti harka, boqo'oo fi gadhaacha hin fudhatan.
DEU 18:4 Midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii teeti keessaa, zayitii ejersaatii fi rifeensa hoolee teeti irraa murame irralle'ee mataa isaaniif kenni.
DEU 18:5 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa teeti keessaa Lewwi'ii fi ilmaan isaa haga bara baraa hayyumma'aan dhaabbatanee maqaa isaatiin akka tajaajilanu isaan filate.
DEU 18:6 Nami Lewwi'ii tokko, qachoota Israa'el keessa jiranu keessa addee le'uu bayee, fedhii guddo'oon, gara addee Mootiin Waan Maraa filatuu yoo dhufe,
DEU 18:7 inni akkuma Lewwoota obboleeyyan isaa worra Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf achi isa dura dhaabbatanuu, maqaa Mootii Waan Maraa ifiitiin tajaajiluu hin dande'a.
DEU 18:8 Waan dhaala abbaa ifii ka gurgurame keessaa dhaggatu biratti, innille nyaata worra kaan woliin wol qixxee qooda qaba.
DEU 18:9 Isin lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti yennaa galtane, aadaa battii gosa biyya adda addaa san hin baratina'a.
DEU 18:10 Nami ilma ifii yookiin intala ifii kennansa gubamuuf dhikeessu yookiin worri moru, nami moora ilaalu, nami faroo ilaalu,
DEU 18:11 nami xanoo xanu, nami ayyaana hamaa waammatu, nami moru, nami worra du'ane waammatu odduu teessan hin jiraatin.
DEU 18:12 Nami waan akkanaa godhu Mootii Waan Maraa duratti batticha; sababa hujii battii akkasiitiif, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan oofee si duraa hin baasa.
DEU 18:13 Ati Mootii Waan Maraa duratti ka komii hin qanne te'i.
DEU 18:14 Worri isin achi keessaa baasaartanu, worra xanoo xanuu fi worra moru caqasan; isin ammoo tana akka gootanu Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif hin eeyyamu.
DEU 18:15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan kolbaa teessan keessaa raagicha akka kiyyaa isiniif hin kaasa; isin isa caqasa'a.
DEU 18:16 Tun martinuu akka halchaa teessanii ta isin guyyaa yaa'ii gaara Siina'aa, «Nuuti akka hin duune, deebinee qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka hin dhageenne, ibidda guddaa kanalle deebitanee akka hin dhaggine» jettanee Mootii Waan Maraa Waaqa keessan daadimattanee ti.
DEU 18:17 Mootiin Waan Maraa anaan, «Wonni isaan jedhane sirri'i.
DEU 18:18 Ani raagicha akka keetii kolbaa isaanii oddu'uu isaaniif hin kaasa; jecha kiyya afaan isaa keessa hin keya; inni waan ani ajaju mara isaanitti hin hima.
DEU 18:19 Nama jecha kiyya ka inni maqaa kiyyaan dubbatu caqasuu didu mara ani hin adaba.
DEU 18:20 Raagichi tokko adoo ani dubbatiisaaf isa hin ajajin, dubbii tokko maqaa kiyyaan ka dubbatu yookiin maqaa waaqota dhibi'iitiin ka dubbatu ijjeefamuu ti» jedhe.
DEU 18:21 Isin gadhaa keessan keessatti, «Jecha Mootiin Waan Maraa hin dubbatin san attamiin beekuu dandeenna?» yoo jettane,
DEU 18:22 Raagichi tokko maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbatee, jechi sun muummowuu yookiin dhugaa te'uu yoo dhabe, jechi sun ka Mootiin Waan Maraa dubbatee moti; raagichi sodaa malee waan dubbateef isa hin sodaatina'a.
DEU 19:1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa isaanii ka sii kennu yennaa balleesse, qachoota isaaniitii fi mana isaanii dhaaltee achi keessa le'iisa yennaa jalqaddu,
DEU 19:2 lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessaa qachoota sad adda baafadhu.
DEU 19:3 Nami nama ijjeese tokko achitti akka baqatuuf, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennutti, karaa baasiitii lafa san addee saditti qoodi.
DEU 19:4 Nami tokko duraan diinummaa isaa adoo hin qabaatin, adoo hin beekin, nama tokko yoo ijjeese, qachoota kana keessaa gara tokkootitti baqatee lubbuu ifii hamburatuu ti.
DEU 19:5 Nami tokko muka muriisaaf, nama tokko woliin baddaa seenee, muka muriisaaf harka yennaa ol fudhatu, agaraan sukkeya keessaa bu'ee, nama isa woliin jiru san dhowee, nami sun yoo du'e, nami ijjeese sun qachoota san keessaa gara tokkootitti baqatee, lubbuu ifii hamburatuu ti.
DEU 19:6 Worri namicha du'ee, ka namicha ijjeese haluu baasiisaaf haajaa qabanu sun aaranee isa hin ari'an. Qachaan itti baqatanu sun fagoo yoo te'e, inni duraan namicha irraa haluu adoo hin qabaatin waan ijjeeseef, ka du'iisaaf hin malle te'ulle, worri namichaa reebee isa dhaqqabee hin ijjeesa fa'a.
DEU 19:7 Ani tanaaf akka ati qachoota sad adda baafattuuf si ajaje.
DEU 19:8 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa, «Ani isiniif kenna» jedhee abbootii teetiif kaku'uun waadaa gale mara sii kennee lafa teeti yoo sii badhise,
DEU 19:9 ati ajaja inni adha si ajaju mara yoo eegatte, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti yoo jaalatte, guyyaa mara karaa isaa gula yoo deente, qachoota dur adda baafatte sanitti qachoota dhibii sad itti dabalattee adda hin baafatta.
DEU 19:10 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, dhiigi nama yakkaa hin qannee akka hin dhangalaane, dhiiga dhangalu'uufille akka itti hin gaafatanne tana godhi.
DEU 19:11 Ammoo nami tokko nama haluu irraa qabu tokko riphee eegee, dhowee ijjeesee, lubbuu ifii hamburatiisaaf qachoota kana keessaa tokkochatti yoo baqate,
DEU 19:12 jaarsoleen qachaa isaa nama itti erganee achii isa fichisiisanee, akka inni du'uuf dabarsanee fira dhiiga baafatutti isa kennanuu ti.
DEU 19:13 Ati ila mararti'iitiin isa hin ilaalin. Nageenni akka si'iif te'u Israa'el keessaa nama dhiigi nama yakkaa hin qannee dhangalaase ijjeesi.
DEU 19:14 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, meessaa ollaa keetii ka worri durii dhaabe hin dhiibin.
DEU 19:15 Yakkaa yookiin cubbuu nami tokko huje mirkaneessiisaaf, afaan dhugaa baatota lamaa yookiin sadiitiin malee afaan nama tokkochaatiin itti hin mirkaneeffamu.
DEU 19:16 Nami dharaan dhugaa bayu tokko ka'ee nama tokko dharaan yoo himate,
DEU 19:17 jarri wol himatane sun lamaanuu fuula Mootii Waan Maraa duratti, hayyootaa fi abbootii mura'aa ta bara sanii dura dhikaatanuu ti.
DEU 19:18 Abbootiin mura'aa dubbii san gad fageennaan qorqoranuu ti; namichi dharaan dhugaa bayu sun obboleessa ifii irratti dharaan dhugaa bayee yoo jiraate,
DEU 19:19 waan inni obboleessa ifii irratti tolchiisaaf yaadate san isa irratti tolchi. Maarre akkanaan waan hantuu odduu teessanii balleessitan.
DEU 19:20 Worri hafanelle waan kana dhage'anee hin sodaatan; itti deebi'anee waan hantuu akkasii odduu teessanitti hin godhanu.
DEU 19:21 Ati ila mararti'iitiin hin ilaalin. Lubbuun lubbu'uun, ilti ilaan, ilkaan ilkaaniin, harki harkaan, miilli miilaan haluun baafantuu ti.
DEU 20:1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka biyya Gibxi'iitii ol si baase waan si woliin jiruuf, ati diina keeti loliisaaf yennaa baate, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu, loltoota loltoota teeti caaltu yennaa dhaggite, isaan hin sodaatin.
DEU 20:2 Gara addee lolaatitti yennaa dhikaattane, hayyichi gara duraa dhufee loltootaan,
DEU 20:3 «Ee, kolbaa Israa'elii dhage'a'a! Adha isin diina keessan loliisaaf, bira geettaneertan; hin corisina'a; hin sodaatina'a; hin sheephisina'a; hin bararaqinaalle'e.
DEU 20:4 Akka isin injifattanu, diinota keessan isinii loliisaaf, ka isin woliin deemu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhuu ti.
DEU 20:5 Achiin duuba qondaaltoti loltootaan, «Isin keessaa nami mana haareya ijaarratee, eebbisiifatee itti hin qubatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee, nami dhibiin eebbisiifatee akka itti hin qubanne, gara mana ifii deebi'uu ti.
DEU 20:6 Nami muka woyni'ii dhaabbatee, midhaan isi'ii irraa hin nyaatin jiraa? Inni lola keessatti du'ee nami dhibiin midhaan isi'ii akka hin nyaanne, gara mana ifii deebi'uu ti.
DEU 20:7 Nami durra kadhatee adoo isii hin fuudhin jiru jiraa? Inni lola keessatti du'ee, nami dhibiin akka isii hin fuune, inni gara mana ifii deebi'uu ti» jedhanuu ti.
DEU 20:8 Qondaaltoti ammalle loltootaan, «Nami soda'aan guutamee coriseeru jiraa? Akkuma gadhaa ifii gadhaa worra dhibi'iille akka hin sheephisiinne, inni gara mana ifii deebi'uu ti» jedhane.
DEU 20:9 Qondaaltoti tana kolba'atti dubbataneen duuba, ajajjooti sooressitoota isaaniif filanuu ti.
DEU 20:10 Qachaa lolaartutti yennaa dhikaatte, nageyumaan akka harka kennatanu itti dhaami.
DEU 20:11 Isaan deebii nageyaa sii deebisanee karra ifii yoo si duraa banane, namooti qachaa san keessatti dhaggamanu hujii hunnaatiin si tajaajilanuu ti.
DEU 20:12 Isaan si woliin nageya buusuu didanee, yoo si lolane ammoo, ati qachaa san marsi.
DEU 20:13 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti qachaa san harka keetitti dabarsee yennaa kenne, dhiira achi keessaa mara shallaaga'aan ijjeesi.
DEU 20:14 Garuu dubartootaa fi ijoollee, hori'ii fi waan qachaa san keessaa maralle, waan qachaa san keessaa booji'amu maraayyuu ifiif fudhadhu. Waan diina keeti irraa booji'ame ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennelle nyaadhu.
DEU 20:15 Qachoota si irraa fago'oo, ka gosa biyya adda addaa ka gosa sitti dhikoo jiranu kanaa hin te'in maralle akkasuma godhi.
DEU 20:16 Te'uu malee, qachoota gosa biyya adda addaa tanaa ka lafa akka ati dhaaltuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, waan lubbuu qabu tokkolle lubbu'uun hin hamburin.
DEU 20:17 Worra Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa akkuma Mootiin Waan Maraa si ajaje ijjumaa balleessi.
DEU 20:18 Yoo akkas hin te'in, waan battii isaan hujanu waaqota ifii sagadiisaan godhanu akka isin hordottanu isin barsiisan; isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessan irratti cubbuu hujjan.
DEU 20:19 Qachaa tokko fudhatiisaaf, qachaa san lolaa marsitee yennaa hedduu yoo turte, muka qachaa sanii murtee hin balleessin. Midhaan isaanii nyaadhu malee, mukoota san murtee hin jissin; akka si'iin marfamanuuf, mukooti badda'aa namaa ree?
DEU 20:20 Mukoota midhaan isaanii akka hin nyaatane ati beettu qofa murtee jissitee balleessitee, haga qachaan si woliin lolu sun jigutti, hujii isa marsiisaatiif ittiin ijaarata.
DEU 21:1 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf sii kennu keessatti, nami tokko diida keessatti ijjeefamee nami isa ijjeese yoo hin beekkamin,
DEU 21:2 jaarsoleen teessanii fi abbootiin mura'aa teessan bayanee, fageenna addee reeffaa irraa haga qachoota dhikoo sanii mikanuu ti.
DEU 21:3 Achiin duuba jaarsoleen qachaa addee reeffi namichaa jirutti dhikaatu keessaa dhufane, goronsa hujii ittiin hin hujin, ka waanjoon irra hin keyamin filanee,
DEU 21:4 gara dhooqa bisaan yaa'u qaddu ta hin qotamin, ta midhaanille itti hin facaafaminitti gad geessanee, dhooqa san keessatti morma isaa cassanuu ti.
DEU 21:5 Akka isaaf tajaajilanu, maqaa isaatiin akka eebbisanu, haajaa moroma'aatii fi yakka'aa akka isaan murteessanu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sanyii Lewwi'ii hayyoota waan filateef, isaan gara duraa dhikaatanuu ti.
DEU 21:6 Achiin duuba jaarsoleen qachaa addee reeffi namichaa jiru sanitti dhikaattuu marti, goronsa dhooqa keessatti morma caccassane san irratti harka dhiqatanee,
DEU 21:7 «Nuuti harka keennaan dhiiga kana hin dhangalaanne; nama dhiiga kana dhangalaaselle hin dhaggine.
DEU 21:8 Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti Israa'el ta biyya Gibxiitii wodattee baatteef araaram; dhiiga nama yakkaa hin qannee kana kolbaa teeti Israa'el irratti hin laakkowin» hin jedhan. Akka kanaan dhiiga dhangala'e kanaaf araarri hin te'a.
DEU 21:9 Ila Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e kana yoo gootane, dhiiga nama yakkaa hin qannee ka dhangala'e kanaaf itti hin gaafatantanu.
DEU 21:10 Diinota keeti loliisaaf baatee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti harka keetitti dabarsee isaan kennee ati yennaa isaan boojite,
DEU 21:11 isaan keessaa dubartii miidhadduu takka dhaggitee isii fuudhiisaaf yoo feete,
DEU 21:12 gara mana keetii fidi; isiin mataa haadattee, qeenca muratuu ti.
DEU 21:13 Isiin woyaa yennaa booji'ante uffatteertu san jijjiirattee, mana keeti teettee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif ji'a tokko guutuu gaddituu ti. Achiin duuba ati isii woliin rattee, dhirsa isi'ii hin teeta; isiille niitii teeti hin teeti.
DEU 21:14 Ati yoo isi'itti hin gammadin ammoo, akka isiin gara feete dhaxxu lakkisi. Ati waan isii salphitteef, isii hin gurgurattu yookiin garba hin godhattu.
DEU 21:15 Nami tokko niitii lama qabaatee, takka jaalatee taan ka jibbu yoo te'e, isaan lamaanuu ilmaan yoo isaaf deyane, ilmi angafichi ka niitii inni jibbuu yoo te'e,
DEU 21:16 namichi sun gaafa ilmaan ifiitiif karra ifii qoodu, qooda ilma angaticha ifiitiif kenniisaaf male, mirga angafumma'aa ka ilma niitii inni jibbu irraa dhalatee irraa fuudhee, ilma niitii inni jaalatu irraa dhalateef golii te'ee hin kennin.
DEU 21:17 Inni ilma niitii jibbuu saniif, karra ifii mara keessaa harka lama kenniisaan angafummaa isaa beessisuu ti. Ilmi sun jabeenna isaa ka qaraa waan te'eef, mirgi angafumma'aa ka isaa ti.
DEU 21:18 Nami tokko ilma mataa jabaatu finqilaa ka yoo isa adabannelle, haadhaa fi abbaa ifiitiif hin ajajanne yoo qabaate,
DEU 21:19 haati isaatii fi abbaan isaa isa qabatanee, gara jaarsolee karra dalleya qachaa inni keessa le'uutitti geessanuu ti.
DEU 21:20 Isaan jaarsolee qachaa inni keessa le'u saniin, «Ilmi keenna kun ilma mataa jabaatu dida'a. Inni nu'uuf hin ajajamu. Inni gadhito'o; machowaalle'e» jedhanuu ti.
DEU 21:21 Achiin duuba dhiirti qachaa sanii marti dhaka'aan isa tumanee ijjeesanuu ti; maarre isin akka kanaan hantuu odduu teessanii hin balleessitan. Israa'elooti marti tana dhage'anee hin sodaatan.
DEU 21:22 Nami tokko yakkaa du'a itti mursiittu hujee ijjeefamee, muka irratti yoo fannifame,
DEU 21:23 nami muka irratti fannifame ka Waaqi abaareeru waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa isiniif kennu akka hin batteessine, reeffi isaa gaafuma san awwaalamuutii malee, muka irra hin bulin.
DEU 22:1 Loon yookiin hooleen obboleessa keetii baddee deentuun yoo dhaggite, isaaf deebis malee, cadhittee hin lakkisin.
DEU 22:2 Addeen inni le'u fagoo yoo teete yookiin yoo isa hin beenne teete gara mana keetii geessiitii, haga abbichi barbaassa dhufutti si bira turtuu ti. Achiin duuba isaaf deebisi.
DEU 22:3 Harree, woyaa yookiin waan obboleessa keetii ta dhibiille ta isa duraa badde yoo dhaggite, akkasuma godhi.
DEU 22:4 Harreen yookiin loon Israa'elicha obboleessa keetii, karaa irratti jiganeeranuun yoo dhaggite, isa qarqaarii kaasi malee cadhittee hin lakkisin.
DEU 22:5 Dubartiin woyaa dhiiraa hin uffatin; dhiirtille woyaa dubarti'ii hin uffatin. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan worra akkas godhu hin jibba.
DEU 22:6 Adoo karaa deentuu muka irratti yookiin lafa irratti mana simbirre'ee ka cuucuun yookiin quuphaan keessa jiruun, haati itti kabbiteertu yoo dhaggite, haadha cuucuu isi'ii woliin hin fuudhin.
DEU 22:7 Wonni dansaan akka sii teetu, bara dheeraalle akka leetu, cuucuu fudhadhu; haadha ammoo akka deentu gad lakkisi.
DEU 22:8 Mana haareya tokko yennaa ijaartu, nami tokko heellichoo irraa bu'ee dhiiga isaatiif akka itti hin gaafatanne waan kiphu itti ijaari.
DEU 22:9 Oorruu muka woyni'ii keeti keessatti sanyii dhibii hin facaasin; yoo tana goote sanyii facaatte qofa adoo hin te'in, midhaan muka woyni'iille itti fayadamuu hin dandeettu.
DEU 22:10 Qotiyyo'oo fi harree wolitti hiitee ittiin hin qotin.
DEU 22:11 Woyaa rifeensa hoole'eetii fi quncee talba'aatiin wolitti makantee dhowante hin uffatin.
DEU 22:12 Woyaa teeti ta facaafattu roga arfanuu irratti handaara itti godhi.
DEU 22:13 Nami tokko niitii fuudhee, isii bira geyeen duuba, yoo isii jibbe,
DEU 22:14 dharaan maqaa isi'ii balleessee, «Ani intala tana fuudhe; yennaa isii bira geye bantii hin qaddu» jedhee yoo himate,
DEU 22:15 haatii fi abbaan intala sanii waan durrummaa isi'ii mirkaneessu, jaarsolee kora mura'aa ta karra qachaa sanii duraatitti geessanuu ti.
DEU 22:16 Abbaan intalaa jaarsolee saniin, «Ani intala tiyya nama kanaaf kenneeraayyu; inni ammoo isii jibbe.
DEU 22:17 Kunoo maqaa isi'ii balleessee, ‹Intalti teeti bantii hin qaddu› jedhee himate. Beessisi durrumma'aa ka intala tiyyaa kunoo ti!» jedhee hoccuu dhiiga banti'ii qaddu san jaarsolee qachaa sanii duratti diriirsuu ti.
DEU 22:18 Achiin duuba jaarsoleen qachaa sanii isa fuudhanee adabanuu ti.
DEU 22:19 Inni durra Israa'elii takka maqaa waan balleesseef, meetii sheeqelii dhibba tokko, abbaa intalattiif muraa kennisiisanuu ti! Isiin niitii isaa teetuu ti. Inni bara jiruu ifii mara ijjumaa isii hin lakkisin.
DEU 22:20 Te'uu malee himannaan isaa dhugaa teetee, beessisi durrumma'aa ka isi'ii yoo dhabame,
DEU 22:21 isiin adoo mana abbaa ifii jirtuu, sagaagaltee hujii fokkisiittuu Israa'el keessatti waan hujjeef, gara balbala mana abbaa isi'ii geessanee, namooti qachaa isi'ii dhaka'aan isii tumanee ijjeesanuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.
DEU 22:22 Nami tokko niitii abbaa qaddu woliin rafee yoo dhaggame, lamaanuu ijjeefamanuu ti. Akka kanaan waan hantuu Israa'el oddu'uu balleessi.
DEU 22:23 Nami tokko intala kadhatante takka qachaa tokko keessatti dhaggee, isii woliin yoo rafe,
DEU 22:24 isiin akka irraa buusanuuf qachaa keessatti waan hin iyyiiniif, namichille niitii nama dhibi'ii woliin waan rafeef, isaan lamaanuu seensuma karra qachaa saniititti gad baafamanee, dhaka'aan tumamanee ijjeefamanuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.
DEU 22:25 Nami tokko qacha'aan alatti, intala kadhatante takka dhaggee, hunnaan yoo isii woliin rafe, inni callaan ijjeefamuu ti.
DEU 22:26 Wonni akkasii akka nami tokko nama dhibii lolee ijjeesee waan fakkaattuuf, isiin cubbuu du'aan isii geessittu waan hin hujiniif, waan tokkolle isii hin godhina'a.
DEU 22:27 Sababille namichi qacha'aan alatti intala kadhatanteertu san dhaggee, isiin iyyitulle nami irraa buusu tokkolle hin dhagganne.
DEU 22:28 Nami tokko intala hin kadhatamin takka qabee isii woliin rafee yoo dhaggamane,
DEU 22:29 namichi sun abbaa intalaatiif meetii sheeqelii shantama kaffaluu ti. Isiin namicha saniif niitii teetuu ti. Inni hunnaan isii woliin waan rafeef, bara jiruu ifii mara ijjumaa isii lakkisuu hin dande'u.
DEU 22:30 Nami tokko niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii woliin rafee, abbaa ifii hin salphisin.
DEU 23:1 Nami nafa hilaa tumame yookiin nami yakkatame wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin.
DEU 23:2 Nami baanaa dhalate, sanyiin isaalle, haga dhaloota kudhaniituu wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin.
DEU 23:3 Amoonoti yookiin Mo'aaboti, sanyii isaanii keessalle'ee nami tokkolle haga dhaloota kudhaniituu wolde'a Mootii Waan Maraa hin seenin.
DEU 23:4 Sababille isaan yennaa isin biyya Gibxi'ii keessaa baatane, midhaanii fi bisaan karaa irratti isinii hin dhikeessine. Ilmi Be'orii Bala'aam akka isin abaaruuf qachaa Mesophotaamiya'aa Phetor keessaa isinitti bitame.
DEU 23:5 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti waan si jaalateef, Bala'aamiif hin dhageenne; inni abaarsa isaa san gara eebbaa isinii jijjiire.
DEU 23:6 Bara jiruu teetii mara nageyaa fi qananummaa, isaaniif hin halchin.
DEU 23:7 Worri Edoomii fira keeti waan te'aneef, isaan hin jibbin. Biyya Gibxi'ii keessatti alagaa teetee waan leeteef, worra Gibxi'ii hin jibbin.
DEU 23:8 Sanyiin isaanii dhalooti sadeesso'oo wolde'a Mootii Waan Maraatitti dabalantuu ti.
DEU 23:9 Diina keeti loliisaaf addee quttumaa keessa yennaa jirtu, waan battii mara irraa ifi eegadhu.
DEU 23:10 Isin keessaa nama tokko halkan nafa hilaa isaa keessaa yoo woy dhangala'e, addee quttumaa san keessaa bayee achi turuu ti.
DEU 23:11 Gara galgalaa nafa ifii dhiqatee, yennaa aduun seentu gara addee quttumaa deebi'uu ti.
DEU 23:12 Addee faalowaa, addee quttumaatiin alatti qopheeffadhu.
DEU 23:13 Yennaa faalottu, boolla ittiin qottee faalowa keetitti biyyee akka ittiin deebittu, meya keeti woliin qottoo qabadhu.
DEU 23:14 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, si eegiisaa fi diinota keeti harka keetitti dabarsee kenniisaaf, addee quttuma loltoota teetii keessa waan deddeebi'uuf, waan battii odduu teetitti dhaggee si irraa akka hin deebine, addee quttumaa teeti woyyoonsi.
DEU 23:15 Garbichi tokko goottaa ifii duraa gara keeti yoo baqate, goottaa isaatitti deebittee isa hin kennin.
DEU 23:16 Inni qachoota keeti keessaa ka filate keessa si woliin le'uu ti malee, isa hin rakkisin.
DEU 23:17 Israa'eloota keessaa dubartiin yookiin dhiirti tokkolle worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu hin te'in.
DEU 23:18 Mootiin Waan Maraa worra galma waaqa dharaa keessatti sagaagalu waan jibbuuf, beesee waan kana irraa dhaggante, kennansa waadaa galane tokkolle muummessiisaaf, gara Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keetii hin fidin.
DEU 23:19 Obboleessa keeti Israa'elichaaf beesee yookiin sagalee yookiin waan dhibiille dhalaan hin liqeessin.
DEU 23:20 Ormaaf dhalaan liqeessuu hin dandeetta. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati dhaaltu keessatti, waan ati hujju maraan akka si eebbisuuf, obboleessa keetiif dhalaan hin liqeessin.
DEU 23:21 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif waadaa yoo galte, inni dhugumaan si irraa waan barbaaduuf, cubbuu akka sitti hin teene, kenniisaaf hin turin.
DEU 23:22 Yoo waadaa galuu dhadde ammoo, cubbuu sitti hin teetu.
DEU 23:23 Te'uu malee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif fedha keetiin waadaa waan galteef, waan afaan keetiin dubbatte muummessiisaaf ifi eeggadhu.
DEU 23:24 Oorruu woynii nama tokkoo keessa yennaa dabartu, haga feete nyaadhu malee, midhaan woyni'ii tokkolle subba keeti keessa hin keyatin.
DEU 23:25 Fichaa nama tokkoo keessa yennaa dabartu, midhaan irraa saxii nyaadhu malee, haantu'uun hin haammatin.
DEU 24:1 Nami tokko dubartii takka fuudheen duuba, waan isii irratti jibbu tokko yoo dhagge, woraqata lakkisiisaa barreessee itti kennee, mana ifiitii baasee isii ari'uu ti.
DEU 24:2 Isiin baatee nama dhibii yoo heerumte,
DEU 24:3 dhirsi lammeesso'oolle isii jibbee, woraqata lakkisiisaa barreessee, itti kennee mana ifiitii baasee yoo isii ari'e yookiin yoo du'e,
DEU 24:4 muttaaraan eega isiin battoottee deebi'ee isii hin galfatin; wonni akkasii Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, cubbuu akkasii hin hujin.
DEU 24:5 Nami reefuu fuudhe tokko, gara duulaa hin dhaqin yookiin hujiin dhibiille itti hin bacatin. Inni haga woggaa tokkoo mana ifiititti bilisa te'ee, niitii fuudhe san woliin gammaduu ti.
DEU 24:6 Lubbuu namaa fudhatiisa waan te'eef, daakuu yookiin ilmaachuu qaddii hin fudhatin.
DEU 24:7 Nami Israa'elii tokko gosa ifii Israa'el keessaa nama tokko hatee garboonfatuun yookiin gurguratuun yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.
DEU 24:8 Marroo dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, waan Lewwooti hayyooti si ajaje mara akka dansaa ifi eegadhu. Ati Waan ani isaan ajaje akka dansaa eegatuu qadda.
DEU 24:9 Isin biyya Gibxi'ii keessaa baatanee karaa irra jirtanuun, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Miiryaam irratti godhe qaabadhu.
DEU 24:10 Waan tokko namaaf yennaa liqeessitu, qaddii irraa fudhatiisaaf mana isaa hin seenin.
DEU 24:11 Ati ala dhaabbattuun, nami ati liqeessiteef sun, qaddii san gad bayee sii fiduu ti.
DEU 24:12 Namichi sun hiyyeessa yoo te'e, woyaa qaddii isa irraa fuute irraa hin bulchin.
DEU 24:13 Inni woyaa ifii uffatee bulee, akka si eebbisuuf adoo aduun hin seenin deebisiif. Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti balchummaa sii teeti.
DEU 24:14 Ati obboleeyyan teeti nama Israa'elii keessaa yookiin alagaa lafa teeti keessa qachoota keeti keessa le'u keessaa, nama hiyyeessa rakkataa qaxaramee huju hin cunqursin.
DEU 24:15 Inni hiyyeessa waan te'eef, beesee san marroo eegatuuf, gatii inni ittiin qaxarame san adoo aduun hin seenin gaafasuma isaaf kaffali; yoo kaffaluu dhadde inni gara Mootii Waan Maraa iyyee, cubbuu sitti teeti.
DEU 24:16 Nami tokko tokkooyyuu yakkaa ifiitiif ijjeefamuu ti malee, worri yakkaa ijoollee ifiitiif hin ijjeefamin; ijoolleen yakkaa worra ifiitiif hin ijjeefamin.
DEU 24:17 Haqa alaga'aa, haqa ijoollee haadhaa fi abbaan hin qanneelle hin dassin. Woyaa haadha hiyyeessaa qaddii hin fudhatin.
DEU 24:18 Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootuuf si ajaje.
DEU 24:19 Midhaan keeti fichaa keeti keessaa haammattee yennaa galfattu, laddee fichaa keessatti deete fudhatiisaaf, duubatti hin deebi'in; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetii akka eebbisuuf, laddeen sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif teetuu ti.
DEU 24:20 Muka ejersaa keeti irraa midhaan yennaa harcaattu, ka damee irratti hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti.
DEU 24:21 Midhaan muka woyni'ii keeti yennaa guurattu, ka hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti.
DEU 24:22 Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teeteertu qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootu si ajaje.
DEU 25:1 Namooti lama wol dhabanee gara kora mura'aa yoo dhufane, abbootiin mura'aa ka yakkaa hin qanne gad lakkisanee, yakkaamessatti muranuu ti.
DEU 25:2 Achiin duuba nami yakkaamessi sun ka dhaanamu'uu male yoo te'e, abbaan mura'aa lafatti isa irkisuu ti; laakkossi dhaanamiisa isaa akka yakkaa isaatitti addee abbaan mura'aa jirutti te'uu ti.
DEU 25:3 Te'uu malee, laakkossi dhaanamiisa isaa afurtama hin caalin. Afurtama caalaa yoo dhaaname, obboleessi keeti si duratti hin salphata.
DEU 25:4 Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin.
DEU 25:5 Obboleeyyan woliin le'anu keessaa tokkochi ilma adoo hin uumatin yoo du'e, niitiin nama du'ee sun maatii san keessaa baatee orma hin heerumin. Obboleessi dhirsa isi'ii, isii dhaalee woliin le'uu ti.
DEU 25:6 Maqaan obboleessa du'ee Israa'el keessaa akka hin banne, ilmi angafi isiin deettu maqaa obboleessa du'e saniitiin waamamuu ti.
DEU 25:7 Obboleessi nama du'e sanii yoo isii fuudhiisaaf fedha hin qabaatin, isiin jaarsolee qacha'aa dura dhaxxee, «Wosoon kiyya, maqaan obboleessa isaa Israa'el keessatti akka waamamu hin barbaanne. Inni na dhaaluu didate» jettuu ti.
DEU 25:8 Achiin duuba jaarsolee qachaa sanii isa waamanee, isa dubbisanuu ti. Inni, «Ani isii fuudhiisaaf hin fedhu» jedhee yoo dide,
DEU 25:9 isiin jaarsolee qacha'aa duratti gara isaa dhikaattee, miila isaa tokkocha irraa kophee mulqitee, fuula isaatitti tuttee, «Kun waan nama obboleessa ifiitiif sanyii dabarsiisa didu irratti godhamu» jettuu ti.
DEU 25:10 Biyya Israa'elii keessatti maatiin isaa, «Maatii nama kopheen irraa mulqantee» jedhamanee hin beekkaman.
DEU 25:11 Nami lama yennaa wol lole, niitiin namicha tokkochaa, dhirsa ifiitii rogiisaaf, nama dhirsa isi'ii dhaanu san nafa isaa ka hilaa yoo qadde,
DEU 25:12 marartii malee harka isi'ii irraa kuti.
DEU 25:13 Subba keeti keessaa dhakaa madaalli'ii gosa lama diqqa'aa fi guddaa hin qabaatin.
DEU 25:14 Mana keeti keessalle'ee meya ittiin safaranu gosa lama gudda'aa fi diqqaa hin qabaatin.
DEU 25:15 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa bara dheeraa akka leetuuf, madaalli'ii fi meya ittiin safaranu ka sirrii te'ee fi addatamaa qabaadhu.
DEU 25:16 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti worra waan akkasii godhu mara ka addatamummaa malee waan akkasii huju mara hin jibba.
DEU 25:17 Yennaa ati biyya Gibxi'iitii baate, waan worri Amaaleqii si godhe qaabadhu.
DEU 25:18 Yennaa ati karaa irratti dadhaddee gaggadde, worra dadhabee duubatti hafe mara ijjeesane. Isaan Waaqalle hin sodaanne.
DEU 25:19 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa sii kennu keessatti, diinota adaala keetii mara irraa yennaa si foorfachiisu, yaadannoo Amaaleqootaa ta isaan lafa irraa qabanu mara balleessi. Ijjumaa hin dedhin.
DEU 26:1 Ati lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltu sii kennutti galtee, qabattee isii keessa yennaa leetu,
DEU 26:2 midhaan lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu irraa galfattu mara keessaa ka mata'aa fuudhiitii saaxaraa keessa keyiitii, gara addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka itti waamamuuf filatuu dhaqi.
DEU 26:3 Hayyicha yennaa san hujii irra jiruun, «Lafa Mootiin Waan Maraa, nuu kenniisaaf abbootii teennaaf kakate sanitti akka galle, ani adha Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti lallaba» jedhi.
DEU 26:4 Achiin duuba hayyichi saaxaraa san si irraa fuudhee, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii dura hin keya.
DEU 26:5 Atille Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Abbaan kiyya nama biyya Sooriya'aa ka addee takkattii hin leene; inni maatii diqqoo ifii woliin gara biyya Gibxi'ii gad bu'ee achi le'e; inni achitti kolbaa guddoo, hunnaametti'ii fi bindillaa te'e.
DEU 26:6 Worri Gibxi'ii ammoo nu miidhanee, nu farrisiisanee, hujii hunnaa jajjadduu nu hujisiisane.
DEU 26:7 Achiin duuba nuuti gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teennaa iyyinee, Mootiin Waan Maraa iyya teenna dhage'ee, farra teenna, dadhabbi'ii fi cunqurfama keenna dhagge.
DEU 26:8 Maarre Mootiin Waan Maraa hunna ifii guddo'oo fi jabeenna ifiitiin, hujii guddoo sodaachittu'uun, baasaa fi maade'een biyya Gibxi'ii keessaa nu baase.
DEU 26:9 Inni gara addee tanaa nu fidee, biyya aananii fi dammaa tana nuu kenne.
DEU 26:10 Kunoo, Mootii Waan Maraa midhaan mata'aa ka lafa ati naaf kennite irraa fideera» jedhi. Achiin duuba Saaxaraa san Mootii Waan Maraa Waaqa keeti dura keyiitii, fuula Mootii Waan Maraa duratti sagadi.
DEU 26:11 Ati, Lewwootii fi alagaan si woliin le'u waan dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'ii fi maatii teetiif kenne maratti gammada'a.
DEU 26:12 Ati woggaa sadeesso'oo, ta kudhan keessaa tokko kennanutti, midhaan galfatte keessaa kudhan keessaa tokko mara adda baatteen duuba, Lewwooti, alagaan, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa nyaatanee akka quufanu isaaniif kenni.
DEU 26:13 Achiin duuba Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Akkuma ajaja keetiititti, qooda waan woyyuu te'ee mara mana kiyyaa baasee, Lewwootaaf, alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif kenneera. Ajaja keeti keessaa hin baane; tokkolle hin deene.
DEU 26:14 Ani gadda du'aa keessa qooda woyyichaa san irraa hin nyaanne yookiin akka aadaa dhugeeffanna'aatitti yennaa qulqulluu hin te'initti isa irraa hin fuune yookiin isa irraa worra du'eef hin kennine; ani Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf ajajameera. Waan inni na ajaje mara muummesseera.
DEU 26:15 Addee woyyittii teeti ta ol-gubba'aa irraa gad ilaaliitii, kolbaa teeti Israa'el, akkuma abbootii teennaaf kakatetti lafa aananii fi dammaa ta nuu kennitelle eebbisi» jedhi.
DEU 26:16 Adha Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti seerataa fi seera isaa akka eegattu si ajaja; tanaaf gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti'iin ajaja isaa mara akka dansaa eegadhu.
DEU 26:17 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka te'e, karaa isaa akka ideentu, seerata isaa, ajajjaa fi seera isaa eegatiisaaf, isaafille ajamiisaaf adha dubbatteerta.
DEU 26:18 Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa sii galetti, ati kolbaa isaa, qabeenna isaa ka addaa akka teete, ajaja isa maralle akka eegattu adha dubbateera.
DEU 26:19 Gosa biyya adda addaa ta dade mara keessaa leellisaan, maqa'aa fi ulfinnaan ol akka si aansu, akkuma waadaa galetti, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, kolbaa woyyittii akka teetu dubbateera.
DEU 27:1 Muuse'ee fi jaarsoleen Israa'elii, kolbaa ajajanee, inni isaan, «Ajaja adha ani isin ajaju kana mara eegadha'a.
DEU 27:2 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, dhakoota gugurdaa dhaaba'aatii nooraa itti diba'a.
DEU 27:3 Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii galetti, lafa aananii fi dammaa, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, jechoota seera kanaa mara dhakoota san irratti barreessi.
DEU 27:4 Laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, akkuma ani adha si ajajetti dhakoota kana gaara Ebaalii irratti dhaabiitii nooraa itti dibi.
DEU 27:5 Achitti Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, sibiilaan adoo hin tuqin addee ciinca'aa dhaka'aan ijaari.
DEU 27:6 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, dhakaa hin bocaminiin addee ciinca'aa ijaariitii isii irratti ciincaa dhikeessi.
DEU 27:7 Achitti ciincaa tokkumma'aa dhikeessiitii, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti nyaataa gammadi.
DEU 27:8 Dhakoota san irratti jechoota seera kanaa mara akka mudhatu godhiitii barreessi» jedhe.
DEU 27:9 Achiin duuba Muuse'een, Lewwoota hayyoota woliin, kolbaa Israa'elii maraan, «Ee Israa'el, cadhisii dhage'i; ati adha kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii teeteerta.
DEU 27:10 Tanaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ajajamiisaan, ajajaa fi seerata ani adha si ajaju kana eegadhu» jedhe.
DEU 27:11 Guyyuma san Muuseen, kolbaa Israa'elii ajajee,
DEU 27:12 «Laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, gosi Shimi'oonii, gosi Lewwi'ii, gosi Yihuda'aa, gosi Yisaakorii, gosi Yoseefiitii fi gosi Beniyaaminii kolbaa eebbisiisaaf, gaara Geriiziimii irra dhaabbatanuu ti.
DEU 27:13 Gosi Ruubenii, gosi Gaadii, gosi Asheerii, gosi Zebuloonii, gosi Daaniitii fi gosi Niftaalemii abaariisaaf gaara Ebaalii irra dhaabbatanuu ti» jedhe.
DEU 27:14 Worri Lewwootaalle qoonqoo ol qabatanee, kolbaa Israa'elii maratti lallabanee:
DEU 27:15 «Nami fakkii nama hujii harkaa beekuun hujante, ta Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa teete qiriixee yookiin sibiila baqisiisee waaqa dharaa hujee, dhossa'aan dhaabu, ka abaarame te'uu ti» jedhane. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:16 Nami haadha ifii yookiin abbaa ifii salphisu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:17 Nami dhakaa meessa'aa ka ollaa ifii adde'ee munyuussu marti, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:18 Nami ballaa karaa dokonkoraatitti qajeelchu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:19 Nami alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa haqa dhooggu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:20 Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii woliin rafu, rifanoo abbaa ifii waan salphisuuf, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:21 Nami horii kamiiyyuu woliin rafu ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:22 Nami intala abbaa ifii yookiin intala haadha ifii ta obboleettii isaa teetu woliin rafu ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:23 Nami haadha sodda'aa ta ifii woliin rafu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:24 Nami dhossa'aan nama ijjeesu marti, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:25 Nami nama yakkaa hin qanne ijjeesiisaaf, beesee fudhatu, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 27:26 Nami jechoota seera kanaa hin eeganne, ka abaarame te'uu ti. Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.
DEU 28:1 Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, ajajoota isaa ka ani adha si ajaju mara akka dansaa yoo eegatte, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta biyya lafaa irra jirtu mara caalaa ol isin hin qaba.
DEU 28:2 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, eebbi kun martinuu dhufee si'iif hin te'a.
DEU 28:3 Qachaa keeti keessatti, fichaa keeti keessalle'etti hin eebbifanta.
DEU 28:4 Ijoolleen teeti, midhaan fichaa keetiitii fi jabbileen loon keetii, ilmooleen hoole'ee fi re'ee teeti hin eebbifaman.
DEU 28:5 Saaxaraan keetii fi gabataan keeti hin eebbifaman.
DEU 28:6 Ati yennaa baatu, yennaa galtulle ka eebbifante hin teeta.
DEU 28:7 Mootiin Waan Maraa diinota si irratti ka'anu fuula keeti duratti akka injifatamanu hin godha. Karaa tokkochaan si loliisaaf hin dhufan; karaa torbaan si duraa hin baqatan.
DEU 28:8 Mootiin Waan Maraa gootaraa keetii fi hujii harka keetii mara si'iif hin eebbisa. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa sii kennu keessatti si'ille hin eebbisa.
DEU 28:9 Ati ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii eegattee, karaa isaa yoo ideente, Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa sii galetti kolbaa woyyittii ifii godhatee si hin dhaaba.
DEU 28:10 Achiin duuba kolbaan biyya lafaa duudiin, akka ati maqaa Mootii Waan Maraatiin waammante dhaggitee, si hin sodaatti.
DEU 28:11 Mootiin Waan Maraa lafa sii kenniisaaf abbootii teetiif waadaa gale keessatti, ijoolle'een, hortee hori'iitii fi midhaan lafa teetiitiin guddisee si qananoonsa.
DEU 28:12 Mootiin Waan Maraa lafa teetiif bokkeya yenna'aan kenniisaan, hujii harka keetii eebbisiisaaf, galmee ifii dansaa, ol-gubbaa si'iif hin bana. Ati gosa biyya adda addaa heddu'uuf hin liqeessita malee, eennu irralle'ee hin liqeeffattu.
DEU 28:13 Mootiin Waan Maraa mataa si tolcha malee, eegee si hin tolchu; ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii ka ani adha si ajaju, akka dansaa yoo eegatte, ol guddatta malee, gad hin guddattu.
DEU 28:14 Waaqota dhibii hordofiisaa fi isaan tajaajiliisaaf, ajaja ani adha si ajaju kana irraa gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin.
DEU 28:15 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ajajamuu diddee, ajajaa fi seerata ani adha si ajaju kana yoo eegatiisa dhadde, abaarsi asii gadii kun marti sitti dhufee si hin dhaqqaba:
DEU 28:16 Ati qacha'aa fi fichaa keessatti hin abaaranta.
DEU 28:17 Saaxaraan keetii fi gabataan keeti ka abaaramane hin te'an.
DEU 28:18 Ijoolleen teeti, midhaan fichaa keetii, jabbiin loon keetiitii fi ilmooleen hoole'ee fi re'ee teetii ka abaaramane hin te'an.
DEU 28:19 Ati yennaa baatu, yennaa galtulle ka abaarante hin teeta.
DEU 28:20 Isa lakkittee, waan hujje maraaf, haga ati ijjumaa ariifattee baddutti, sababa hujii harka keetiitiif, Mootiin Waan Maraa abaarsa, raafamaa fi xixansa si irratti hin fida.
DEU 28:21 Mootiin Waan Maraa lafa ati itti galtu keessaa, haga ijjumaa si balleessutti dhukkuba hamaa sitti hin fida.
DEU 28:22 Mootiin Waan Maraa dhukkuba golgoleessuun, ka nafa o'isuun, iitaan, o'a woxaluun, oola'aan, gugguufa'aa fi shanto'oon haga ati baddutti si hin dhowa.
DEU 28:23 Ol-gubbaan si'iin gubba'aa akka sageettu'uu, latti si'iin jalaa akka sibiilaa sitti hin teeti.
DEU 28:24 Mootiin Waan Maraa haga ati baddutti bokkeya lafa teetii qabuxxe'ee fi bukuu hin godha.
DEU 28:25 Mootiin Waan Maraa akka ati diina keeti duratti injifatantu hin godha. Karaa tokkoon isaan loliisaaf hin baata; karaa torbaan isaan duraa baqatta. Mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu hin teeta.
DEU 28:26 Reeffi keeti allaatti'ii fi bineensaaf sagalee hin te'a; nami reeffa keeti irraa isaan ari'u tokkolle hin jiraatu.
DEU 28:27 Mootiin Waan Maraa dhukkuba ati irraa fayyuu hin dandeenne iita dhootu ta worra Gibxi'iitiin, iita hin dhoone, qanxo'oo fi hooxxo'oolle'een si hin dhowa.
DEU 28:28 Mootiin Waan Maraa maraattumma'aan, ballumma'aa fi raatu'uun si hin dhowa.
DEU 28:29 Akkuma ballaan dukkana keessa titimisu, atille guyyaa saafowaan hin titimitta; karaan keeti si'iif hin qajeelu; wonni ati hujju marti si'iif hin milkoottu; ati yennaa mara cunqurfama'aa fi saamamaa hin teeta; nami si qarqaarulle hin jiraatu.
DEU 28:30 Ati durra fuudhiisaaf hin kadhatta; ammoo nami dhibiin hunnaan isii woliin rafa. Ati mana hin ijaarratta; ammoo keessa hin leetu. Muka woyni'ii hin dhaabbatta; ammoo midhaan isaa hin nyaattu.
DEU 28:31 Loon keeti iluma teeti duratti hin qalaman; ati ammoo foon san ijjumaa hin dhandhamattu. Harree teeti iluma teeti duratti butatanee fudhatan; ammoo si'iif hin deebitu. Hooleen teeti diinota keetiif kennanti; nami isaan hamburiisaaf si qarqaaru hin jiraatu.
DEU 28:32 Ijoolleen teeti ta dhiiraatii fi ta durraa adoo ati iluma teetiin ilaaltuu gosa biyya dhibi'iitiif hin kennaman. Guyyuma guyya'aan akka isaan deebi'anee dhufanu eegiisaan ilti teeti hin dadhaddi; garuu womaa godhiisa hin dandeettu.
DEU 28:33 Gosi biyya ati hin beennee, midhaan lafa teetii ka ati itti elootte mara hin nyaatti; ati ammoo yennaa mara ka cunqurfantee bututtu qofa hin teeta.
DEU 28:34 Wonni ati ila teetiin dhaggitu kun si maraachiti.
DEU 28:35 Mootiin Waan Maraa iita fayyuu hin dandeenneen jilba keeti, miila keeti, barruu miila keetiitii jalqabee haga gubbaa mataa keetiititti madaa sitti buusa.
DEU 28:36 Mootiin Waan Maraa si'ii fi mootii keeti ka ati ifi irratti mootonfatte, gosa biyya adda addaa ta atii fi abbootiin teetille hin beennetti dabarsee si hin kenna. Achitti ati waaqota mukaa fi dhakaa irraa hujamane tajaajilta.
DEU 28:37 Gosi biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa itti si galchu mara keessatti, waan dhagganee bararaqanu, ta mammaassaatii fi murgo'oo hin teeta.
DEU 28:38 Ati sanyii midhaanii bacaa ficha'atti facaafatta, awwaannisi waan fixuuf, waan diqqoo qofa galfatta.
DEU 28:39 Ati muka woyni'ii dhaabbattee hin kunuunfatta; corroxxi waan nyaattuuf ammoo, unkuruura isaa hin guurattu, daadhii woyni'ii ta isaalle hin untu.
DEU 28:40 Lafa teeti keessa muka ejersaa addee maratti hin qabaatta; midhaan isaa waan irraa harca'uuf, zayitii ejersaa ta dibattu hin qabaattu.
DEU 28:41 Ati abbaa ilmaa fi intalaa ti; booji'amanee waan deemanuuf ammoo, isaan keetii moti.
DEU 28:42 Muka keetii fi midhaan keeti mara awwaannisi itti tima.
DEU 28:43 Alagaan odduu teeti jiru si irratti oluma oluma jedha; ati ammoo gaduma gaduma jetta.
DEU 28:44 Inni sii hin liqeessa; ati ammoo isaaf hin liqeessitu. Inni mataa hin te'a; ati eegee hin teeta.
DEU 28:45 Ati jecha Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii dhage'uu waan diddeef, ajajaa fi seerata isaa ka inni si ajaju eegatiisa waan dhaddeef, abaarsi kun marti haga ati baddutti gara keeti dhufee, ari'ee si hin dhaqqaba.
DEU 28:46 Abaarsi kun marti Mootiin Waan Maraa akka si'ii fi sanyii teeti adabe beessisaa fi maadee haga bara baraa mudhisu hin te'a.
DEU 28:47 Yennaa qananummaa teetii Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gammadaa firinxiixaa waan hin tajaajiliniif,
DEU 28:48 yennaa beelaa fi dheebu'uu, yennaa daaraatii fi yennaa deegaa, diina keeti ka Mootiin Waan Maraa sitti kaasu hin tajaajilta. Inni haga si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetitti hin keya.
DEU 28:49 Mootiin Waan Maraa gosa akka risaa gubba'aa gad xinniquu, ta afaan isaanii ati hin beenne, lafa fagoo qaccee biyya lafaa irraa sitti hin fida.
DEU 28:50 Isaan worra fuulli isaanii nama sodaachisu, ka nama gudda'aaf ulfinna hin kennine, ka ijoolle'eefille hin mararre.
DEU 28:51 Isaan haga si balleessanutti jabbilee loon keetiitii fi midhaan lafa teetii hin nyaatan; isaan midhaan, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, hortee loonii yookiin hoole'ee fi re'ee teetii takkattiille si'iif hin hamburanu.
DEU 28:52 Dalleenni dhaka'aa dhedheeraan jabaan ati itti addattu haga jigutti, isaan qachoota lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu mara keessatti si hin marsan.
DEU 28:53 Yennaa diinni keeti si marsee si farrisiisu san, dhala teeti, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kenne, foon ijoollee teeti ta dhiiraatii fi ta durraa hin nyaatta.
DEU 28:54 Isin keessaa nami laafaan qeenxalloonuu obboleessa ifii, haadha manaa ta ifii ta jaalatuu fi ijoollee ifii worra hafane ila hantu'uun hin ilaala.
DEU 28:55 Qachaan keeti marti waan marfameef, rakkinna diinni keeti si irratti fidu irraa ta kaate, akka inni nyaatuuf ka hafeeru kana malee waan hin jirreef, foon ijoollee ifii ka nyaatu san irraa diqquma isaalle, isaan keessaa tokkolle'eef hin kennu.
DEU 28:56 Isin keessaa dubartiin laattuun qeenxalloon, ta miilli isi'iituu lafatti hin ijjanne, abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifiituu ila hantu'uun hin ilaalti.
DEU 28:57 Isiin yennaa diinni keeti qachoota keeti marsee si farrisiisanu san, wonni nyaatanu waan hin jirreef, hobbaatii gadaamessa isi'ii keessaa baatuu fi ijoollee ifii deettu dhossa'aan hin nyaatti.
DEU 28:58 Jecha seera kanaa ka kitaaba kana keessatti barreeffame mara akka dansaa yoo eegatuu dhaddane, maqaa Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii ka ulfinna qabu ka maade'ee kana yoo sodaatuu dhadde,
DEU 28:59 Mootiin Waan Maraa balaa hamaa farrisiisaa yennaa hedduu si irra turu, dhukkuba hin fayyine si'ii fi sanyii teeti irratti hin fida.
DEU 28:60 Inni dhukkuba biyya Gibxi'ii ka ati sodaatte san mara, ammalle si'itti hin fida; dhukkuba san irraa hin fayyitu.
DEU 28:61 Mootiin Waan Maraa dhukkubaa fi balaa kitaaba seeraa kana keessatti hin barreeffaminille mara sitti fidee si hin balleessa.
DEU 28:62 Laakkossi keessan akka urjii ol-gubba'aa te'ulle, jecha Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniitiif waan hin ajajaminiif, isin keessaa nama diqqaa qofatti hafa.
DEU 28:63 Mootiin Waan Maraa akkuma waan dansaa isinii godhiisaaf, isin baceessiisaafille gammade, akkasuma isin diigiisaa fi balleessiisaaf hin gammada. Isin lafa dhaaliisaaf itti galtanu keessaa hin buqqaatan.
DEU 28:64 Mootiin Waan Maraa qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, gosa biyya adda addaa odduu si hin bittinneessa; achitti waaqota mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka abbootiin teeti ta durii hin beenne hin tajaajilta.
DEU 28:65 Gosa biyya adda addaa san oddu'utti foora hin qabaattu; addee miilli keeti itti ijjatulle hin qabaattu. Mootiin Waan Maraa achitti gadhaa sheephisu, ila caararroottu, gadhaa addii kutatulle sii hin kenna.
DEU 28:66 Jiruu mamaa hin jiraatta; du'aa fi jiruu wodhakkaa waan jirtuuf, halkanii fi guyyaa sodaataa leeta.
DEU 28:67 Waan gadhaan keeti sodaatuu fi waan ilti teeti dhaggitu saniif jettee, ganama, «Adoo dhiitee!» galgala ammoo, «Adoo bariitee!» jetta.
DEU 28:68 Karaa ani, «Lammeessoo deebitanee hin dhaggitanu» isiniin jedhe, Mootiin Waan Maraa hoboloo gudditti'iin gara biyya Gibxi'ii si hin deebisa; achitti diinota keessaniif garbichaa fi garbittii akka isaanii teetanu gurguramiisaaf ifi kennitan; ammoo nami isin bitatu achi hin jiraatu.
DEU 29:1 Mootiin Waan Maraa Gondooroo ifii ta Horeebitti Israa'eloota woliin godhate irratti dabalee, lafa Mo'aabii keessatti akka isaan woliin Gondooroo godhatuuf, ta inni Muusee ajaje ta asii gad jirtu:
DEU 29:2 Muuseen kolbaa Israa'elii mara waamee, «Waan Mootiin Waan maraa biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti mooticha Fara'oonii fi qondaaltota isaa irratti, biyya isaa mara irralle'etti tolche dhaggitaneertan.
DEU 29:3 Balaa gugurdaa, bilbaasotaa fi waan maade'ee gugurdoo san iluma teessaniin dhaggitaneertan.
DEU 29:4 Garuu Mootiin Waan Maraa haga adhaa qalbii hubattu yookiin ila dhaggitu yookiin gurra dhage'u isiniif hin kennine.
DEU 29:5 Inni, ‹Ani woggoota afurtama goomolee keessa isin sooresse san woyaan teessan hin dulloonne; kopheen teessanille hin dhumanne.
DEU 29:6 Isin daabboo hin nyaanne; daadhii woyni'ii yookiin untoo nama macheessitu hin unne. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e akka beettanuuf tana godhe› jedhee isinitti himeera.
DEU 29:7 Yennaa isin addee tana dhuttane, mootiin Heshiboonii Sihoonii fi mootiin Baashaanii Oog nu loliisaaf dhufane; te'uu malee nuuti isaan injifanne;
DEU 29:8 lafa isaaniille fudhannee, gosa Ruubeniitiif, gosa Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'eetiif dhaala goonee kennine.
DEU 29:9 Tanaaf wonni isin gootanu marti akka isinii teetuuf, jechoota gondooroo tanaa eegadha'a.
DEU 29:10 «Isin marti, sooressitooti gosa teessanii, jaarsoleen teessan, qondaaltoti teessanille, namooti Israa'elii marti adha Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura dhaabbataneeran;
DEU 29:11 ijoolleen teessan, niitoti teessanii fi alagaan addee quttumaa teessan keessa jiranu, worra qoraan isinii cassuu jalqabee haga worra bisaan isiniif woraabuutitti isin woliin dhaabbataneeran.
DEU 29:12 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin kakatiisaan Gondooru san, isa woliin godhatiisaaf, isin adha as dhaabbattaneertan.
DEU 29:13 Mootiin Waan Maraa akkuma isiniif waadaa gale, akkuma abbootii teessan Abrahaamiif, Yisihaqiif, Yaaqoobiifille kakate, inni Waaqa isinii te'iisaaf, kolbaa ifiille isin godhatiisaaf adha tana godhe.
DEU 29:14 Mootiin Waan Maraa Gondooroo tana isin woliin qofa adoo hin te'in,
DEU 29:15 worra adha Mootii Waan Maraa Waaqa keenna dura as nu woliin dhaabbatuu fi worra adha as nu woliin hin jirre wolille'een godhe.
DEU 29:16 «Nuuti biyya Gibxi'ii keessa attam akka leenee fi gosa biyya adda addaa keessa attam dabarree akka dhunne isinuu hin beettan.
DEU 29:17 Odduu isaaniititti waan jibbisiisaa, waaqota dharaa ka isaanii ka mukaatii fi dhaka'aa, ka meeti'iitii fi worqi'ii dhaggitaneertan.
DEU 29:18 Isin keessaa dhiirti yookiin dubartiin, maatiin yookiin gosi gadhaan isaanii Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irraa deebi'e, dhaqanee waaqota gosa biyya adda addaa akka hin waaqonfanne ifi eegadha'a. Hiddi midhaan hadhowaa summii qabu buusu odduu teessan akka hin jiraanne ifi eegadha'a.
DEU 29:19 Nami akkasii jechoota abaarsaa kana dhage'ee, gadhaa ifii keessatti, ifi eebbifatee, ‹Ani mataa jabeennaan le'ulle, hantuun na hin dhaqqaddu› jedhee yoo herrege, worra dansa'aa fi worra hamaa irratti badii hin fida.
DEU 29:20 Mootiin Waan Maraa nama akkasiitiif hin araaramu. Aari'ii fi hinaaffaan Mootii Waan Maraa isa irratti hin bobeetti; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame marti isa irratti hin bu'a. Mootiin Waan Maraa maqaa isaa lafa irraa haxowee hin balleessa.
DEU 29:21 Mootiin Waan Maraa akkuma abaarsa gondooro'oo ka kitaaba seeraa kana keessatti barreeffameetitti, nama akkasii gosa Israa'elii mara keessaa baasee hin balleessa.
DEU 29:22 «Dhalooti isin duubaan dhufu, sanyiin teessanii fi ormi fago'oo dhufu bala'aa fi dhibee Mootiin Waan Maraa lafa teessan irratti fide dhagganee,
DEU 29:23 ‹Latti sun guutumatti dhakaa bobe'uu fi sooddaan hin gubatti; wonni tokkolle irratti hin dhaabantu; wonni tokkolle irratti hin lattu; isiin akka badii Sodoomii fi Gomora'aa, akka Aadima'aa fi Zebo'iimii ta Mootiin Waan Maraa aari'ii fi mufii ifii guddo'oon garagaggalchee hin teeti› hin jedhan.
DEU 29:24 Achiin duuba gosi biyya adda addaa marti maadeffattee, ‹Mootiin Waan Maraa maaf lafa tana irratti waan akkasii godhe? Wonni inni aaree bobe'eef maan?› hin jetti.
DEU 29:25 Achiin duuba kolbaan deebittee, ‹Isaan Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii isaanii yennaa biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase, isaan woliin gondoore san waan diiganeef.
DEU 29:26 Isaan dhaqanee waaqota hin beenne, ka inni hin ajajin waaqota dhibii tajaajilanee waaqonfatane.
DEU 29:27 Tanaaf Mootiin Waan Maraa lafa tanatti aaree bobe'ee, abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame mara lafa irratti fide.
DEU 29:28 Mootiin Waan Maraa aaree bobe'ee, mufii ifii guddo'oon lafa isaanii keessaa isaan buqqisee, akka adha jiranu kanatti biyya ormaa keessatti isaan gate› hin jetti.
DEU 29:29 «Wonni dhossa'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa ti; wonni mudhate ammoo, jecha seera kanaa mara akka hordonnuuf, teennaa fi ta ijoollee teennaa ti.
DEU 30:1 «Eebbaa fi abaarsi ani adha isin dura keye kun martinuu yennaa isin dhaqqabe, isin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan gosa biyya adda addaa mara odduu isin bittinneessetti deebitanee yennaa waan kana qaabattane,
DEU 30:2 isinii fi sanyiin teessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitanee, akkuma ani adha isin ajajetti, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin isaaf yoo ajajantane,
DEU 30:3 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan boojuu teessan hin deebisa; isiniif hin marara; addee isin itti bittinneesse gosa biyya adda addaa keessaa, deebisee wolitti isin hin qaba.
DEU 30:4 Haga qaccee biyya lafaatitti bittinnoottanulle, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan wolitti isin qabee deebisee isin hin fida.
DEU 30:5 Inni gara lafa abbootiin teessan qabatte san isin hin fida; isinille isii san hin qabattan. Inni abbootii teessan caalaa isin qananoonsee, laakkossa keessanille hin baceessa.
DEU 30:6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin isa jaalatanee leetanu, qalbii teessanii fi qalbii ijoollee teessanii haqanqabaa hin qaba.
DEU 30:7 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan abaarsa kana mara diinota keessan worra isin jibbuu fi worra isin miidhu irratti hin fida.
DEU 30:8 Isin deebitanee isaaf hin ajajantan; ajaja ani adha isin ajaju mara hin eegattan.
DEU 30:9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin hujjanu maraan, ijoolle'een, hortee horii keessaniitii fi midhaan ficha'aatiin isin hin duroonsa. Inni abbootii teessan duroonsiisaan akkuma gammade, isinille duroonsiisaan hin gammada.
DEU 30:10 Tun yoo isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantanee, ajajaa fi seerata kitaaba kana keessatti barreeffame mara eegatiisaan, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitane teeti.
DEU 30:11 «Ajaji ani adha isin ajaju kun guddoo ka isin rakkisuu moti yookiin ka isin irraa fagoo jiruu moti.
DEU 30:12 Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuuf, eentu ol-gubbaa bayee fidee nutti hima?› akka hin jenne ol-gubbaa hin jiru.
DEU 30:13 Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuufille, eentu abbaayaa gamatti bu'ee fidee nutti hima?› akka hin jenne ajaji kun abbaaya'aan gama hin jiru.
DEU 30:14 Garuu jechi isinuma bira jira; akka isin ajajantanuufille afaanii fi gadhaa keessan keessa jira.
DEU 30:15 Kunoo, ani adha jiru'uu fi qananummaa, du'aa fi badii isin dura keyeera.
DEU 30:16 Akka isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaalatanu, karaa isaa irra akka ideentanu, ajaja isaa, seerata fi seera isaalle akka eegattanu, ani isin ajaja; achiin duuba jiru'uun hin leetan; hin hortan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa isin itti galtanee qabattanu keessatti isin hin eebbisa.
DEU 30:17 Gadhaan keessan isa irraa deebi'ee, isaaf ajajamiisa diddanee, waaqota dhibii sagadiisaaf sobantanee yoo isaan waaqonfatane ammoo,
DEU 30:18 dhuguma akka isin baddanu ani adha isinitti hima; laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu san keessa bara dheeraa hin leetanu.
DEU 30:19 Ani adha jiru'uu fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akka keye ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa akka bayanu hin godha. Tanaaf Isinii fi sanyiin teessan akka leetanu jiruu filadha'a.
DEU 30:20 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a; isaaf ajajama'a; isatti maxxana'a; inni jiruu teessan waan te'eef, lafa abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kakate san keessatti bara dheeraa isiniif hin kenna» jedhe.
DEU 31:1 Achiin duuba Muuseen gad bayee dubbii tana kolbaa Israa'elii maratti dubbatee,
DEU 31:2 «Kunoo, ani amma nama woggaa dhibbaa fi diddamaa ti; haganaa achi ani isin bulchiisa hin dande'u; Mootiin Waan maraa, ‹Ati laga Yordaanosii gamatti hin buutu› naan jedheera.
DEU 31:3 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessanuu isiniin dura gamatti hin bu'a; gosa biyya adda addaa tana isin duraa hin balleessa; isinille lafa isaanii hin qabattan; akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Iyaasuun isiniin dura gamatti hin bu'a.
DEU 31:4 Mootiin Waan Maraa mootota Amoorotaa Sihoonii fi Oog lafa isaanii woliin akkuma balleesse, isaanille hin balleessa.
DEU 31:5 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa san dabarsee isinitti hin kenna; isinille akkuma ani isin ajaje isaan hin gootan.
DEU 31:6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha'a; jajjabaadha'a; isaan hin sodaatina'a yookiin hin bararaqina'a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.
DEU 31:7 Achiin duuba Muuseen Iyaasuu waamee kolbaa Israa'elii mara duratti, «Ati kolbaa tana woliin gara lafa Mootiin Waan Maraa abbootii isaanii ta duriitiif kenniisaaf kakatetti waan galtuuf, lafa sanille dhaala isaanii gootee waan isaanii qoodduuf, jabaadhu, jajjabaadhu!
DEU 31:8 Mootiin Waan Maraa ifiifuu si'iin dura hin deema; si wolille'een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
DEU 31:9 Muuseen seera kana barreessee, sanyii Lewwi'ii hayyoota saanduqa gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanuu fi jaarsolee Israa'elii maratti kenne.
DEU 31:10 Achiin duuba Muuseen isaan ajajee, «Dhuma woggaa torba torbaatitti, yennaa liqaan namaaf lakkifamuu fi yennaa jila gose'ee ta woggaa wogga'aan jilifantutti,
DEU 31:11 kolbaan Israa'elii marti addee inni filatetti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti yennaa dhaggantanu, seera kana akka isaan dhage'anuuf isaan mara duratti dubbisa'a.
DEU 31:12 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhage'anee akka isa sodaatiisa baratanu, jecha seera kanaa mara akka dansaa akka eegatanu, kolbaa mara dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi orma qachaa keessan keessa jiranu wolitti qaba'a.
DEU 31:13 Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu keessatti bara leetanu mara, ijoolleen isaanii ta seera kana hin beenne, seera kana dhage'anee, Mootii Waan Mara Waaqa keessan sodaatiisa baratuu qaban» jedhe.
DEU 31:14 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, guyyaan ati duutu dhikaateera; akka ani isa ajajuuf Iyaasuu waamiitii isa woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaadha'a» jedhe; maarre Muuse'ee fi Iyaasuun dhaqanee gara Dunkaanii Woldeenna'aa dhikaatane.
DEU 31:15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dunkaanii keessatti utubaa duumensaa keessaa mudhate; utubaan duumensaalle seensuma dunkaani'ii dhaabbate.
DEU 31:16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ati duutee abbootii teeti ta durii bira dhaqaarta; kolbaan tun waaqota ormaa ka biyya itti galanuu hin waaqonfatan; isaan na lakkisanee, gondooroo ani isaan woliin godhe hin diigan.
DEU 31:17 Guyyaa san ani isaanitti aaree bobe'ee, isaan hin lakkisa; fuula kiyya isaan duraa hin dhoffadha'a; isaanille hin badan. Badiin guddo'oo fi rakkoon guddoon isaan hin dhaqqaddi. Guyyaa san isaan, ‹Badiin tun Waaqi keenna waan nu woliin hin jirreef nu dhaqqaddee motii ree?› jedhanee hin gaafatan.
DEU 31:18 Isaan gara waaqota dhibi'ii deebi'iisaan waan hantuu waan hujaneef, ani guyyaa san fuula kiyya ijjumaa isaan duraa hin dhoffadha.
DEU 31:19 «Amma faaruu tana barreeffadhuutii, kolbaa Israa'elii barsiisi; akka isaan irratti naaf dhugaa baatu, isaan akka faarsanu godhi.
DEU 31:20 Ani gara lafa aananiitii fi dammaa ta abbootii isaaniitiif kenniisaaf kakadhe sanii yennaa isaan fide, isaan nyaatanee quufanee gabbataneen duuba, ana jibbanee, gondooroo ani isaan woliin godhe diiganee, gara waaqota dhibi'ii deebi'anee isaan waaqonfatane.
DEU 31:21 Yennaa badiin guddo'oo fi rakkoon isaan dhaqqaddu, faaruun tun sanyii isaaniitiin waan hin raanfataminiif isaan irratti dhugaa hin baati. Ani gara lafa isaanii kenniisaaf kakadhee san adoo isaan hin fidiniin dura adhalle waan isaan godhiisaaf yaadiisatti jiranu hin beeka» jedhe.
DEU 31:22 Maarre Muuseen guyyuma san faaruu san barreessee Israa'eloota barsiise.
DEU 31:23 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Iyaasuu ilma Nunii ajajee, «Ati Israa'eloota gara lafa ani isaanii kenniisaaf kakadhetti waan galchituuf, jabaadhu; jajjabaadhu; ani si woliin jira» jedhe.
DEU 31:24 Muuseen jecha seeraa kana jalqabaa haga dhumaatitti kitaabatti barreessee fixeen duuba,
DEU 31:25 Lewwoota saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atanu ajajee,
DEU 31:26 «Kitaaba seeraa kana fuudhiitii, achitti akka isin irratti dhugaa bawu, saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii bira keyi.
DEU 31:27 Isin finqiltootaa fi worra mataa jabaatu akka teetane ani hin beeka. Kunoo ani adha adoo jiru'uun isin woliin jiruu, eega Mootii Waan Maraa finqiltanee, du'a tiyyaan duuba fa'a irra caalaa attam attam finqiltan ree!
DEU 31:28 Ani jecha kana akka isaan dhage'anuuf akka isaanitti dubbadhu, ol-gubba'aa fi lafa isaan irratti dhugaa baatota godhee akka waamu, jaarsolee gosa teessaniitii fi qondaaltota teessan mara na duratti wolitti naa qaba'a.
DEU 31:29 Ani du'een duuba akka isin ijjumaa battoottanee, karaa ani isin ajaje irraa gortanu ani hin beeka. Isin fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu waan hujjanuuf, hujii harka keessaniitille'een waan isa aarsitanuuf, baroota dhufanu keessatti badiin isinitti hin dhutti» jedhe.
DEU 31:30 Achiin duuba Muuseen jecha faaruu tanaa jalqabaa haga dhumaatitti, wolde'a kolbaa Israa'elii duudi'iif dubbisee,
DEU 32:1 Ee ol-gubba'a ani hin dubbadha caqasa'a; ee lafa atille jecha afaan kiyyaa dhage'i.
DEU 32:2 Barsiisi kiyya akka bokkeyaa roobuu ti; jechi kiyyalle akka fixeensa coccophuu ti. Marra quunxu irratti akka tiifu'uu lattuu irratti akka bokkeya jaba'aa roobuu ti.
DEU 32:3 Ani maqaa Mootii Waan Maraa hin lallaba; isinille guddinna Waaqa keennaa leellisa'a!
DEU 32:4 Inni rassa'a, hujiin isaa dhidhinna hin qaddu; karaan isaa marti qajeela'a. Inni Waaqa addatamaa hin dokonkorre; Waaqa qajeela'a, balcha'alle'e.
DEU 32:5 Isaan isa irratti hantuu waan hujaneef, haganaa achi ijoollee isaatii moti; isaan dhaloota jallaameyyi'ii fi micciirama'a.
DEU 32:6 Ee isin kolbaa gowwoole'ee fi qarummaa hin qanne, akki isin Mootii Waan Maraatiif deebittanu akkanaa? Abbaan keessan ka isin dade, ka isin hujee fi ka isin miidhasse isaa motii ree?
DEU 32:7 Guyyoota durii qaabadha'a; woggoota dhaloota heddu'uu hubadha. Abbootii teessan gaafadha'a; isaanille isinitti hin himan. Maanguddoo teessan gaafadha'a; isaanille isiniif hin diidessan.
DEU 32:8 Waaqi Ol-Aanaan gosa biyya adda addaatiif, dhaala isaanii yennaa kenne, sanyii namaa mara yennaa addaan baase, akka laakkossa kolbaa Israa'eliititti meessaa gosa biyya adda addaatiif baase.
DEU 32:9 Sababille qoodi Mootii Waan Maraa kolbaa isaa ti; Yaaqoob dhaala isaa ti.
DEU 32:10 Inni lafa goomolee keessa, ona gammoojjii qiillee keessatti isa dhagge. Inni wontee isaaf te'ee, isa kunuunsee, akka gumaa ila ifii isa eege.
DEU 32:11 Inni akka risaa mandhee ifii diigee, ilmee ifii irratti gonboobee, koola ifii isaan irratti badhisee, isaan irratti kabbuutii fi koola ifiitiin isaan ba'atuu ti.
DEU 32:12 Mootii Waan Maraa qofattuu isa sooresse; waaqi ormaa isa woliin hin jiru.
DEU 32:13 Inni lafa koobotaa mara akka bulchu isa godhee, midhaan ficha'aa isa nyaachise. Rassaa keessaa damma isa nyaachisee, dhakaa jabaa keessaa zayitii isaaf kenne.
DEU 32:14 Dhadhaa looniitii fi aanan hoole'eetii fi re'e'ee cooma buruusoo hoole'ee, ta korbeeyyii hoolee Baashaaniitii fi re'e'ee xaltaa qamadii dansa'aa woliin kenneef; inni daadhii woynii dansa'aalle une.
DEU 32:15 Yeshuuruun gabbatee finqile. Quufee, furdatee, cululuqe; inni Waaqa isa dade lakkisee, rassaa fayyinna ifii tuffate.
DEU 32:16 Isaan waaqota ormaatiin akka hinaafu isa godhanee, battumma'aan isa aarsane.
DEU 32:17 Isaan durriisota Waaqa hin te'iniif, waaqota hin beenneef, waaqota haareya ka abbootiin isaanii hin sodaatiniif ciincaa dhikeessane.
DEU 32:18 Ati rassaa abbaa sii te'e lakkittee, Waaqa jiruu sii kenne deete.
DEU 32:19 Ilmaan isaatii fi ijoolleen durraa ta isaa waan isa aarsaneef, Mootiin Waan Maraa tana dhaggee isaan tuffate.
DEU 32:20 Inni, «Ani fuula kiyya isaan hin dhoffadha; muummeen isaanii maan akka teetu hin ilaala; isaan dhaloota micciiramaa, ijoollee hin addatanne.
DEU 32:21 Isaan waan Waaqa hin te'iniin akka ani hinaafu na godhanee, waaqota dharaa ifiitiin na aarsane. Anille kolbaa tuffatanteen akka isaan hinaafanu isaan hin godha; kolbaa hubantii hin qannelle'een isaan hin aarsa.
DEU 32:22 Mufii tiyyaan ibiddi waan bobe'eef, haga addee worri du'e jiruutitti hin guba. Lafaa fi waan isiin baattu hin fixa; hundee gaarotaalle hin guba.
DEU 32:23 «Ani badii isaan irratti hin tuula; daaya kiyya isaan irratti hin fixa.
DEU 32:24 Ani beela isaan balleessitu dhukkuba hamaa isaan fixuu fi balaa isaanitti hin fida; kalaadaa bineensotaa hadhaa dhudhuufa'aa isaanitti hin erga.
DEU 32:25 Karaa irratti shallaagaan ijoollee isaanii hin fixa; mana isaanii keessa bararaqi hin guuta. Dargaggootii fi durri, annoole'ee fi jaarsoleen hin dhumatan.
DEU 32:26 Ani: Isaan bittinneessee, akka nami isaan hin qaabanne hin godha jedheeraayyu.
DEU 32:27 Garuu nyaaphoti isaanii, ‹Irree teennaan injifanne malee, tana mara Mootiin Waan Maraa hin goone› jedhanee akka hin koorre diinota isaanii yaade.
DEU 32:28 «Isaan qarummaa hin qabanu; hubantiin isaan keessa hin jirtu.
DEU 32:29 Isaan adoo qaroolee te'anee jiraatanee, tana hubatanee, muummeen isaanii maan akka teetu hin beekaniiyyu.
DEU 32:30 Rassaan isaanii yoo isaan gurgure malee, Mootiin Waan Maraa yoo isaan lakkise malee, attamiin nami tokko nama kuma ari'uu dande'a ree? Yookiin attamiin nami kum kudhan nama lama baqata?
DEU 32:31 Rassaan isaanii akka rassaa keennaatii moti; diinoti keennaayyuu tana hin mormanu.
DEU 32:32 Muki woynii isaanii woynii Sodoomii irraa fichaa Gomora'aa keessaa waan dhufuuf, midhaan woynii isaanii hadhaa qaba; unkuruurri woynii isaanii hin hadhowa.
DEU 32:33 Daadhiin woynii isaanii akka hadhaa dhudhuufa'aatii fi akka hadhaa buutii hantu'uu ti.
DEU 32:34 Tun na biratti wolitti qabanteertii motii ree? Mana kuusa'aa kiyya itti cufee chaappaa itti dhoweeraa motii ree?
DEU 32:35 Haluun tiyya; ka haluu bayu ana; yennaa miilli isaanii mucucaatutti jira; Guyyaan badii isaanii waan dhikaateef, muraan ariifattee isaanitti hin dhutti» jedhe.
DEU 32:36 Garbooleen yookiin ka garboolee hin te'in nami tokkolle adoo hin hafin, hunni isaanii akka dhumatte yennaa dhagge, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif hin mura; tajaajiltoota ifiitiifille hin marara.
DEU 32:37 Inni, «Waaqoti isaanii, rassaan isaan itti baqatanu,
DEU 32:38 ka cooma ciincaa isaan dhikeessanu nyaatanu, ka kennansa daadhii woynii isaaniille unanu, ka'anee isaan qarqaaranuu ti me! Gollaa isaaniif te'anuu ti me!
DEU 32:39 «Amma ilaala'a; Waaqi anuma; ana malee Waaqi dhibiin hin jiru. Ani hin ijjeesa; hin jiraachisalle'e; ani hin madeessa; hin fayyisalle'e; harka kiyya keessaa ka baasuu dande'u hin jiru.
DEU 32:40 Ani harka kiyya gara ol-gubba'aa kaasee, ‹Ani haga bara baraa jiraata'a› jedhee daadimadhe.
DEU 32:41 Shallaagaa kiyya balaqqisaa qaradhee, harki kiyya mura'aaf yennaa isa qabatu, ani diinota kiyya haluu hin baya; worra na jibbuufille gatii hin kenna.
DEU 32:42 Daaya kiyya, dhiiga mataa sooressitoota diinotaa worra qalameetii fi worra booji'ameetiin hin macheessa; shallaagaan kiyyalle foon diinotaa hin nyaata» hin jedha.
DEU 32:43 Inni dhiiga tajaajiltoota ifii baasee, diinota ifiille haluu bayee, kolbaa ifiitii fi lafa ifiitiif gumaa cubbu'uu waan godheef, ee gosa biyya adda addaa kolbaa isaa woliin gammada'a.
DEU 32:44 Muuseen Iyaasuu ilma Nunii woliin dhufee, jecha faaruu tanaa mara kolba'aaf dubbise.
DEU 32:45 Muuseen jecha kana mara kolbaa Israa'elii maraaf dubbisee fixeen duuba,
DEU 32:46 isaaniin, «Jecha seera kanaa mara, ijoolleen teessan akka dansaa akka eegattu, akka isaan ajajjanu jecha ani adha isinitti himu kana mara gadhaa keessanitti qabadha'a;
DEU 32:47 jechi kun ka jiruu isiniif kennu malee, ka bu'aa hin qannee moti; jecha kanaan isin laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabatu'uuf jirtanu keessa bara dheeraa hin leetan» jedhe.
DEU 32:48 Guyyuma san Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
DEU 32:49 «Gaarota Abaariimii keessaa, gara gaara Neboo, ka lafa Mo'aabii ta fuullee Yeriko'oo jirtu keessa jirutti ol bayiitii, lafa Kana'aanii ta ani Israa'elootaaf kennu san ilaali.
DEU 32:50 Akkuma obboleessi keeti Aaron gaara Hoorii irratti du'ee, abbootii ifii ta durii bira dhaqe, atille gaara itti ol baatu san irratti duutee, abbootii teeti ta durii bira hin dhaxxa.
DEU 32:51 Tun isin lamaanuu Israa'eloota duratti bisaan Mariiba'aa ka qachaa Qaadeshii biratti, goomolee Ziinii keessatti waan na yakkitanee fi Israa'eloota oddu'utti woyyummaa tiyya waan hin ulfeessiniif tun teeti.
DEU 32:52 Tanaaf ati lafa san ifiin duratti hin dhaggita malee, lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kennu sanitti hin galtu» jedhe.
DEU 33:1 Nami Waaqaa Muuseen adoo hin du'iniin dura eebbi inni Israa'eloota eebbise ta asii gad jiru.
DEU 33:2 Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irraa dhufee, akka aduu ganamaa Se'iir irraa isaaniif baye; gaara Phaaraanii irralle'ee isaaniif isse; inni ergantoota ifii kumaatama woliin dhufe; midda isaatitti ibiddi gabbatu jiraayyu.
DEU 33:3 Dhuguma inni kolbaa ifii hin jaalata; woyyooti marti harka isaa keessa jiran. Isaan martinuu miila isaa jalatti hin sagadan; isa irralle'ee gorsa hin fudhatan.
DEU 33:4 Seerri Muuseen kenne kun, qooda wolde'a Yaaqoobii ti.
DEU 33:5 Yennaa sooressitooti kolba'aa gosa Israa'elii mara woliin wolitti qabamanu, Mootiin Waan Maraa Yeshuuruun irratti mootii te'e.
DEU 33:6 Muuseen marroo gosa Ruubenii dubbatee, «Gosi Ruubenii le'uu ti malee, hin du'in. Laakkossi gosa isaa hin diqqaatin» jedhe.
DEU 33:7 Marroo Yihuda'aa, «Ee Mootii Waan Maraa, iyya gosa Yihuda'aa dhage'i. Gara kolbaa isaanii isaan fidi! Harkuma keetiin isaan irraa dhooggi; yennaa isaan diinota ifii woliin wol lolanu ati isaan qarqaar» jedhe.
DEU 33:8 Marroo gosa Lewwi'ii, «Uriimii fi Tumiim ta fedhii teeti ittiin beekanu, woyyoota teeti gosa Lewwi'iitiif kenniteerta. Ati Maasa'atti haga isaan ilaaltee, bisaan Mariibaa biratti isaan woliin mormite.
DEU 33:9 Isaan si'iif jedhanee haajaa abba'aa fi haadha ifii lakkisanee, fira ifiitii fi ijoollee ifii dedhane. Isaan jecha keetiif ajajamanee, gondooroo teeti eegataneeran.
DEU 33:10 Isaan sirna keeti Yaaqoob seera keetille Israa'el hin barsiisan. Isaan hixaana si duratti kennansa gubamu duudiille addee ciinca'aa keeti irratti hin dhikeessan.
DEU 33:11 Ee Mootii Waan Maraa, hunna isaanii eebbis; hujii harka isaaniititti gammad. Worra isaan irratti ka'u dhowi; diinoti isaanii deebi'anee akka hin kaane hidha isaanii kuti» jedhe.
DEU 33:12 Marroo gosa Beniyaamii, «Ka Mootiin Waan Maraa jaalatu, sodaa malee jiraata. Inni guyyaa mara itti waan gombobuuf, bobaa isaa jala jiraata» jedhe.
DEU 33:13 Marroo gosa Yoseefii, «Mootiin Waan Maraa lafa isaanii fixeensa ol gubba'aatiin bisaan lafa gad fagoo keessa jirulle'een,
DEU 33:14 midhaan filatamaa adu'uun geyeen, ka dansaa yennaa yenna'aan galfatanuun,
DEU 33:15 waan hedduu dansaa gaara durii irraa dhaggamanuun, waan hedduu dansaa koobota bara baraa irraa dhaggamanulle'een,
DEU 33:16 waan guddoo dansaa latti baattuun, Mootii Waan Maraa ka haxanxarii bobeettu keessatti dubbateen eebbifantuu ti. Tun marti Yoseefii obboleeyyan ifii keessaa bulchaa te'eef teetuu ti.
DEU 33:17 Arnyi Yoseefii akka korma qara dhalatee ti; gaafoti isaa akka gaafota gafarsaa ti; gaafota ifii saniin gosa biyya adda addaa haga qaccee lafaatitti hin woraana. Efreem ka akkasii kuma kudhan qaba; Minaaseelle kuma hedduu qaba» jedhe.
DEU 33:18 Marroo gosa Zebuloonii, «Ee Zebuloon, ati bayiisa teetitti, ee Yisaakor, atille dunkaanii teeti keessatti gammadi.
DEU 33:19 Isaan gosa hedduu gara gaaraa hin waaman; achitti kennansa balchumma'aa hin dhikeessan. Qabeenna abbaaya'aa hin xuuxan; karra maansa keessatti dhokatelle hin baafatan» jedhe.
DEU 33:20 Marroo gosa Gaadii, «Waaqi lafa Gaadii badhise ka eebbifame; Isaan akka neenqaa achi le'anee, harkaa fi mataa hin kukkutan.
DEU 33:21 Qoodi sooressumma'aa isaaniif waan kennameef, lafa laayyoo hin filatan. Sooreyyiin kolba'aa yennaa wolitti qabamane, isaan fedha Mootii Waan Maraa qajeela'aa fi muraa isaa Israa'eliif muummessane» jedhe.
DEU 33:22 Marroo gosa Daanii, «Daan akka ilmoolee neenqaa, ta Baashaan keessaa utaaltuu ti» jedhe.
DEU 33:23 Marroo gosa Niftaalemii, «Ee Niftaalem isin Mootii Waan Maraatiin fudhatama guddaa qaddan; eebba isaatille'een guutantaneertan; isin lafa haga kibba abbaayaa Galiila'aa hin qabatan» jedhe.
DEU 33:24 Marroo gosa Asheerii, «Gosi Asheerii gosa dhibii caalaa ta eebbifante. Obboleeyyan isaanii isaan jaalatanuu ti; latti isaanii muka ejersaatiin ta tolte teetuu ti.
DEU 33:25 Danqaraan karra isaanii sibiilaa fi sageettuu teetuu ti; nageenni isaanii bara isaanii woliin qixxawuu ti.
DEU 33:26 «Ee Yeshuuruun, Waaqi akka Waaqa keessanii ka isin qarqaariisaaf ol-gubbaa irra duumensa irralle arnya ifiitiin deemu tokkolle hin jiru.
DEU 33:27 Waaqi bara baraa addee isin itti baqattanu; irreen isaa ta bara baraalle isin utuddi. Inni diinota keessan isin duraa ari'aa, ‹Isaan balleessa'a› hin jedha.
DEU 33:28 Kolbaan Israa'elii qofii ifii bidhaa malee jiraatti; sanyiin Yaaqoobiille, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii keessa, addee ol-gubbaan fixeensa gad coccossitu keessa nageyaan jiraatti.
DEU 33:29 Ee kolbaa Israa'elii, isin gammada'a! Kolbaan akka keessanii ta Mootiin Waan Maraa baase tam? Wonte'ee fi qarqaarsi keessan, shallaagaan keessan ka ulfinnaalle isa; diinoti keeti si duratti hin hohollatan, isin isaan irra hin sirbitan» jedhe.
DEU 34:1 Achiin duuba Muuseen dirree Mo'aabii ta gara gaara Neboo irraa gara qaccee Phiisga'aa irraa fuullee Yeriko'oo jirtuu ol baye. Achitti Mootiin Waan Maraa lafa mara, Giil'aadii haga Daanii,
DEU 34:2 lafa Niftaalemii mara, lafa Efreemiitii fi Minaase'ee, lafa Yihuda'aa mara haga abbaayaa gara aduun seentuu jirtu,
DEU 34:3 lafa kibba Yihuda'aa, lafa dhooqa Yeriko'oo ta qachaa muka meexxi'ii irraa haga Zo'aarii jirtu mara itti mudhise.
DEU 34:4 Saniin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Latti tun ta ani Abrahaamiin, Yisihaqiin, Yaaqoobille'een, ‹Ani sanyii teessaniif hin kenna› jedhee waadaa gale; ati ila teetiin dhaggiteerta; ammoo itti hin galtu» jedhe.
DEU 34:5 Achiin duuba Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa akkuma Mootiin Waan Maraa jedhe san lafa Mo'aabiititti du'e.
DEU 34:6 Mootiin Waan Maraa dhooqa lafa Mo'aabii fuullee Bet-Phe'orititti isa awwaale; te'uu malee haga adhaalle nami addee awwaala isaa beeku hin jiru.
DEU 34:7 Muuseen yennaa du'e nama woggaa dhibbaa fi diddamaa ti; ilti isaa hin garjine; hunni isaalle hin dadhanne.
DEU 34:8 Israa'elooti dirree Mo'aabiititti haga guyyaa soddomaa Muuse'eef bowaa gaddane; achiin duuba nageeffatane.
DEU 34:9 Muuseen harka ifii Iyaasuu ilma Nunii irra waan keyeef, ayyaanni qaroomaa isa keessa guuteeyyu. Maarre Israa'elooti isa dhage'anee, waan Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje godhane.
DEU 34:10 Eega san Israa'el keessaa raagaan akka Muuse'ee ka Mootiin Waan Maraa fuula ifii duratti dubbise,
DEU 34:11 ka beessisaa fi maadee mara biyya Gibxi'iititti, Fara'oon irratti, qondaaltota isaa maraa fi lafa isaa mara irratti akka hujuuf Mootiin Waan Maraa erge,
DEU 34:12 hunna guddoo Muuseen kolbaa Israa'elii mara duratti mudhise yookiin waan sodaachittuu inni huje, ka muummesse tokkolle hin jiru.
JOS 1:1 Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa du'een duuba, Mootiin Waan Maraa qarqaarticha Muuse'ee Iyaasuu ilma Nuniitiin,
JOS 1:2 «Muuseen tajaajilaan kiyya du'eera. Amma atii fi kolbaan Israa'elii tun duudiin ka'a'aatii laga Yordaanosii bu'a'aatii, gara lafa ani kolbaa Israa'eliitiif kennu sanii dhaqa'a.
JOS 1:3 Ani akkuma Muuse'eef waadaa gale, addee faanti miila keessanii irra ijjattu duudii isiniif hin kenna.
JOS 1:4 Meessaan keessan lafa goomolee kibbaatii ka'ee haga gaara Libaanonii ka kaabaa, laga guddaa Efraaxiisiitii ka'ee, lafa Heetotaa duudii qabatee haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gara aduun seentuu hin te'a.
JOS 1:5 Iyaasu'u, bara jiruu teetii duudii nami ifi irraa si qabatuu dande'u hin jiru. Akkuma Muusee woliin jiraadhe si wolille'een jiraadha. Ani yennaa maraa si woliin jiraadha; ijjumaa si hin lakkisu.
JOS 1:6 Lafa ani isaaniif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale, akka dhaalanuuf, sooressa kolbaa tanaa waan teetuuf, jabaadhuu, jajjabaadhu.
JOS 1:7 Atummaan jabaadhuu, jajjabaadhu! Seera Muuseen tajaajilaan kiyya si ajaje duudi'iif ajajamuu keeti mirkaneeffadhu. Addee dhaxxu maratti wonni marti qajeelaan akka sii teetu Seera kana irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorin.
JOS 1:8 Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.
JOS 1:9 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille'e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
JOS 1:10 Achiin duuba Iyaasuun sooreyyii kolba'aatiin,
JOS 1:11 «Addee quttumaa dhaqa'aatii kolba'aan, ‹Guyyaa sad keessatti laga Yordaanosii buutanee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennu dhaxxanee akka dhaaltanu, galaa keessan qopheeffadha'a!› jedha'aan» jedhee isaan ajaje.
JOS 1:12 Iyaasuun, gosa Ruubeniitiin, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee gamisaan,
JOS 1:13 «Dubbii Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, lafa tana isiniif kennee isin foorfachiisa› jedhee isin ajaje qaabadha'a.
JOS 1:14 Dubartooti teessan, ijoolleen teessanii fi horiin keessan lafa Muuseen laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kenne keessa turanuu ti; namooti keessan ka meya lolaa hidhatane duudiin ammoo, obboleeyyan ifii Israa'eloota qarqaariisaaf isaaniin dura bu'anuu ti;
JOS 1:15 Mootiin Waan Maraa akkuma isin foorfachiise obboleeyyan teessanille haga foorfachiisu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennulle haga fudhatanutti isaan qarqaara'a. Achiin duuba lafa teessan ta Muuseen tajaajilaan Mootii Waan Maraa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatutti isiniif kennetti deebitanee hin qabattan» jedhe.
JOS 1:16 Isaanille Iyaasu'uun, «Waan ati nu ajajje mara hin goona; gara nu ergitu maralle hin dhandha.
JOS 1:17 Akkuma yennaa mara Muuse'eef ajajanne, si'iifille hin ajajanna; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti callaan akkuma Muusee woliin jiraate, si wolille'een jiraatuu ti.
JOS 1:18 Nami ajaja keeti diduu fi dubbii teetiif hin ajajanne duudiin ijjeefamuu ti; atummaan jabaadhu, jajjabaadhu» jedhaneen.
JOS 2:1 Eega san Iyaasuun ilmi Nunii quttuma lafa Shiixiim jedhantuu keessaa worra dooyu lamaan dhossa'aan ergee, «Dhaqa'aatii lafa san, keessattuu qachaa Yeriko'oo dooya'a» jedhe. Isaan yennaa achi geyane mana dubartii sagaagaltittii, «Rahaab» jedhantu takkaa seenanee, achi bulane.
JOS 2:2 Mooticha qachaa Yeriko'ootitti, «Kunoo, kolbaan Israa'elii gariin lafa dooyiisaaf halkaniin asi dhufaneeran» jedhanee himane.
JOS 2:3 Maarre inni Rahaabitti ergee, «Namooti mana keeti keessa jiranu biyya duudii dooyiisaaf waan dhufaneef, gad baasi!» jedhe.
JOS 2:4 Dubartittiin sun ammoo namoota lamaan san dhossitee, «Dhuguma, jarri takka gara kiyya dhutteertiiyyu; eessaa akka dhutte ammoo ani hin beeku.
JOS 2:5 Isaan aduun seentee balbalti karra qacha'aa yennaa cufantu bayannee deemane. Karaa isaan itti gorane ani hin beeku; yoo ariifattanee hordottane hin dhaqqaddan» jette.
JOS 2:6 Isiin ammoo jara heellichoo manaa gubba'atti ol baattee muka talba'aa ka achitti afameeru jalatti isaan dhossiteertiiyyu.
JOS 2:7 Namooti mootichi erge sun haga karaa malkaa laga Yordaanosii hordofiisaaf bayaneen duuba karri qacha'aa cufante.
JOS 2:8 Worri dooyu sun adoo hin rafin, Rahaab heellichoo manaa gubba'atti isaan bira dhaxxee,
JOS 2:9 «Waaqi lafa tana akka isiniif kenne ani hin beeka. Worri biyya tanaa duudiin isin sodaatanee akka gaga'aa baqane.
JOS 2:10 Yennaa isin biyya Gibxi'ii keessaa baatane, Waaqi attam akka abbaayaa diintuu isin duraa gosse, mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii fi Oog worra laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiru attam akka ijjeettanelle dhageenneerra.
JOS 2:11 Nuuti yennaa waan kana dhageenne, sodaannee akka gaga'aa bandhe; nuuti marti addii kutanne; sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan dhugumaan Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti.
JOS 2:12 Amma akkuma ani waan dansaa isiniif godhe, isinille mana abbaa kiyyaa badii irraa hamburiisaan waan dansaa akka gootanu maqaa Mootii Waan Maraatiin kakadha'a; abbaa kiyya, haadha tiyya, obboleeyyan tiyya, obboleeyyan tiyya ta durraatii fi waan isaanii mara du'a irraa akka hamburtanu, beessisa addachiisu naaf kenna'a» jette.
JOS 2:14 Jarri isi'iin, «Waan amma nuuti hujiisatti jirru kana yoo nama tokkolle'etti himuu dhaddee jiru'uun jiraanne, yennaa Mootiin Waan Maraa lafa tana nu'uuf kennu, isinille akka jiru'uun jiraattanu hin goona» jedhane.
JOS 2:15 Manni Rahaab keessa leetu gara tokkoon dalleya qacha'aa ka dhaka'aatiin wolitti waan ijaarameeruuf, qowa dalleya dhaka'aatiin wodaro'oon isaan gad buuttee,
JOS 2:16 «Worri isin hordofu akka isin hin dhaggine, gara lafa koobitti'ii dhaqa'aatii haga isaan deebi'anutti guyyaa sadii achitti dhokadha'a. Achiin duuba gara deemiisatti jirtanu deemuu dandeettan» jetteen.
JOS 2:17 Jarrille isi'iin, «Nuuti lafa qabatiisaaf yennaa dhunnu, wodaroo diintuu tana, karaa qowa gad nu buutte kanaan yoo hin hidhin, abbaa keetii fi haadha teeti, obboleeyyanii fi nama mana abbaa keetii mara mana keeti keessatti yoo wolitti hin qabin, kakuu ati nu galchite tanaaf hin komatannu.
JOS 2:19 Eennuulle mana keeti keessaa yoo gad baye, dokonkoruma ifiitiin du'e; nuuti itti hin gaafatannu; nama si woliin mana keessa jiru tokkocha irralle'etti miidhaan yoo dhaqqadde ammoo, nuuti itti hin gaafatanna.
JOS 2:20 Teetuu malee waan nuuti hujiisatti jirru kana yoo hinte, kakuu ati nu kakachiitte si'iif hin guunnu» jedhaneen.
JOS 2:21 Isiin, «Akkuma isin jettane teetuu ti» jettee, isaan lakkitte. Yennaa isaan deemane, wodaroo diintuu qowa san irratti hiite.
JOS 2:22 Worri isaan hordofu karaa mara irra barbaadee isaan dhabee haga deebi'utti, worri dooyu gara lafa koobitti'ii dhaqanee guyyaa sad achitti dhokatane.
JOS 2:23 Achiin duuba namooti dooyanu lamaan sun lafa koobittii irraa gadi bu'anee, laga Yordaanosii bu'anee gara Iyaasuu ilma Nunii dhufanee, waan isaan irra geye duudii itti himane.
JOS 2:24 Isaan, «Waaqi dhugumaan lafa duudii harka keennatti dabarsee nuuf kenneera. Kolbaan achi jirtu duudiille sodaattee akka gaga'aa baxxeerti» jedhanee Iyaasu'utti himane.
JOS 3:1 Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin barii halkaniin ka'anee, lafa Shiixiimii lakkisanee gara laga Yordaanosii dhufanee, adoo gamatti hin bu'in achitti qubatane.
JOS 3:2 Guyyaa sadiin duuba sooressitooti addee quttumaa san keessa deddeentee,
JOS 3:3 kolba'aan, «Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii Lewwooti hayyooti ba'ataneeranuun yennaa dhaggitane, addee quttuma keessaniitii ka'a'aatii isaan faana deema'a.
JOS 3:4 Isin tanaan qara addee tana waan hin beenneef, karaa deentanu isaan isinitti hin mudhisan. Teetuu malee Saanduqa Gondooro'ootitti hin dhikaatina'a; isinii fi Saanduqa Gondooro'oo wodhakka'atti fageenni gara kiiloo meetira tokkoo jiraatuu ti» jettee ajajje.
JOS 3:5 Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa boru bilbaasota odduu teessanitti waan godhuuf, ifi qulleessa'a» jedheen.
JOS 3:6 Achiin duuba Iyaasuun hayyootaan, «Saanduqa Gondooro'oo fuudha'aatii kolba'aan dura deema'a» jedheen. Isaanille Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee kolba'aan dura deemane.
JOS 3:7 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Muusee woliin akkuma jiraadhe si wolille'een jiraatuu kiyya Israa'elooti marti akka beettu, ani adha isaan duratti si guddisiisuu jalqaba.
JOS 3:8 Hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atanuun, ‹Yennaa qarqara laga Yordaanosii geettane, bisaan keessa seena'aatii dhaabbadha'a› jedhiin» jedhe.
JOS 3:9 Achiin duuba Iyaasuun kolbaa Israa'eliitiin, «Asi dhikaadha'aatii jecha Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii caqasa'a.
JOS 3:10 Akkuma isin gara duraa hiixxanuun, Waaqi jiraataan dhugumaan Kana'aanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yibusoota isin duraa oofee baasiisaan, odduu teessan jiraatuu isaa beettan.
JOS 3:11 Saanduqi Gondooroo Goottaa lafa duudi'ii isiniin dura laga Yordaanosii gamatti hin bu'a.
JOS 3:12 Maarre amma gosoota Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa nama tokko tokko fila'aatii, nama kudhanii lama dhikeessa'a.
JOS 3:13 Hayyooti saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa goottaa lafa duudi'ii ba'atane, akkuma isaan faana miila ifii bisaan keessa keyaneen, lagi Yordaanosii yaa'iisa hin lakkisa; bisaan gaara irraa gad yaa'iisatti jirulle gargar citee, eelee tuulama» jedhe.
JOS 3:14 Yennaa kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii bu'iisaaf addee qubatanee ka'ane, hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'atanee isaaniin dura deemane.
JOS 3:15 Lagi Yordaanosii yennaa midhaan galchanu guutee danbala'a; hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'ataneeranu laga Yordaanos geyanee akkuma faanti miila isaanii bisaan tuxxeen,
JOS 3:16 bisaan gaara irraa gad yaa'u dhaabbatee, fagaatee haga qachaa Adaamii ka qachaa Zaaretaanii biraatitti eelee tuulame. Bisaan gara Abbaayaa Arabaayii dabaree gara «Abbaayaa Sooddaa» jedhantuutitti yaa'u ijjumaa cite. Tanaaf kolbaan gara Yeriko'oo gamatti buute.
JOS 3:17 Israa'el duudiin lafa godduu irra deemaa yennaa bu'anu, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu, haga kolbaan marti laga Yordaanosii buututti, laga Yordaanosii wodhakkaa lafa godduu irra dhaabbatteertiiyyu.
JOS 4:1 Kolbaan Israa'elii marti laga Yordaanosii buuteen duuba Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun,
JOS 4:2 «Gosa tokko tokkooyyuu keessaa, nama kudhanii lama filiitii,
JOS 4:3 laga Yordaanosii wodhakkaa addee miilli hayyootaa dhaabbateeruun dhakoota kudhanii lama fuudhanee, addee edana bultanutti akka dhaabanu ajaji» jedhe.
JOS 4:4 Achiin duuba Iyaasuun namoota kudhanii lama ka file san waamee,
JOS 4:5 isaaniin, «Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessaniitiin dura tara'aatii, haga laga Yordaanosii wodhakka'aa deema'a. Akka laakkossa gosoota Israa'eliititti tokko tokkoon keessan dhakaa tokko tokko fuudha'aatii, gurmuu teessan irratti kaafadha'a.
JOS 4:6 Dhakooti kun odduu teessanitti beessisa te'a. Hegeri ijoolleen teessan, ‹Dhakooti kun maan godha?› jettee yennaa isin gaafattu,
JOS 4:7 isin, ‹Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa laga Yordaanosii yennaa bu'e, bisaan Yordaanosii gargar cite; tanaaf dhakooti kun kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa yaadannoo hin te'a› jettanee itti hintan» jedhe.
JOS 4:8 Maarre Israa'elooti akkuma Iyaasuun isaan ajaje godhane. Akkuma Mootiin Waan Maraa Iyaasuu ajajetti isaan akka laakkossa gosa Israa'eliititti dhakaa kudhanii lama odduu laga Yordaanosiitii fuudhanee, gara quttuma ifii geessanee achitti dhaabane.
JOS 4:9 Iyaasuulle dhakoota kudhanii lama laga Yordaanosii wodhakka'atti addee miilli hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dhaabbatetti dhaabe. Dhakooti sun haga adhalle achuma jiran.
JOS 4:10 Akka kolba'aaf himu Mootiin Waan Maraa akkuma Iyaasuu ajajetti, wonni marti haga muummottutti hayyooti laga Yordaanosii wodhakkaa dhaabbattee turte. Wonni Muuseen Iyaasuu ajajelle tanuma. Kolbaalle ariiti'iin lagaan gamatti buute.
JOS 4:11 Isaan martinuu gamatti bu'anee cullaneen duuba, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu gamatti buutee kolba'aan duratti tarte.
JOS 4:12 Worri adhi'iif qophowe Ilmaan Ruubenii, ilmaan Gaadiitii fi gamisi gosa ilmaan Minaase'ee, akkuma Muuseen isaan ajajetti meya woraanaa hidhatanee kolbaa Israa'eliitiin dura bu'ane.
JOS 4:13 Namooti gara kuma afurtamaa meya lolaa hidhatanee qajeelcha Mootii Waan Maraatiin lolaaf gara Diida Yeriko'oo gamatti bu'ane.
JOS 4:14 Gaafa san Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duudii duratti Iyaasuu guddise. Isaanille akkuma Muusee ulfeessane, bara jiruu isaa mara isa ulfeessane.
JOS 4:15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun,
JOS 4:16 «Hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'atteertu laga Yordaanosii keessaa akka bayanu ajaji» jedhe.
JOS 4:17 Tanaaf Iyaasuun hayyootaan, «Laga Yordaanosii keessaa baya'a» jedhee ajaje.
JOS 4:18 Hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu laga Yordaanosii keessaa baatee, miilli isaanii lafa godduu irra yennaa ijjate, lagi Yordaanosii addee ifiititti deebi'ee, akkuma durii guutee danbala'e.
JOS 4:19 Kolbaan Israa'elii ji'a matoomaa guyyaa kudhaneesso'ootitti laga Yordaanosiitii ol bayanee, meessaa Yeriko'oo gara aduun baatuun Giilgalitti qubatane.
JOS 4:20 Iyaasuun dhakaa kudhanii lama ka laga Yordaanosii keessaa fuudhame Giilgalitti dhaabee,
JOS 4:21 kolbaa Israa'eliitiin, «Hegeri yennaa ijoolleen teessan, ‹Dhakaan kun maan?› jettee abbootii ifii gaafattu,
JOS 4:22 isin, ‹Kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii kana keessa lafa godduu irra buute.
JOS 4:23 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan haga nuuti buunutti Abbaayaa Diintuu nuuf gosse; isinille'eef haga isin buutanutti Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bisaan Yordaanosii gosse.
JOS 4:24 Waan kanaaf kolbaan lafa irra jirtu duudiin hunni Mootii Waan Maraa attam guddoo akka teetee hin beetti; isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga bara baraa hin ulfeessitan› jedha'aan» jedhe.
JOS 5:1 Moototi Amoorotaa worri laga Yordaanosiitiin gama gara aduun seentuu jiru duudi'ii fi moototi Kana'aanotaa worri irga abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu duudiin, haga kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii buutu akka Mootiin Waan Maraa laga gosse yennaa dhage'ane, sodaatanee akka gaga'aa baqane; isaan sababa Israa'elootaatiif jajjabeenna dhabane.
JOS 5:2 Yennaa san Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Dhakaa qara qabu qopheeffadhuutii ammalle ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabi» jedhe.
JOS 5:3 Maarre Iyaasuun dhakaa qara qabu qopheeffatee, Gibi'aat-Haaraalotitti ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabe.
JOS 5:4 Wonni Iyaasuun isaan haqanqabaa qabeef kana: namooti biyya Gibxi'iitii bayane marti, dhiirti worri woggaan isaanii duulaaf geye duudiin, biyya Gibxi'iitii bayanee adoo goomolee keessa deemanuu du'ane.
JOS 5:5 Namooti biyya Gibxi'ii keessaa bayane duudiin haqanqabaa qabataneeraniiyyu; biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba worri goomolee keessatti dhalate duudiin ammoo, haqanqabaa hin qabanne.
JOS 5:6 Israa'elooti Gibxi'ii yennaa bayane worri woggaan isaanii duulaaf geette duudiin jecha Mootii Waan Maraatiif waan ajajamuu dhabaneef, haga isaan dhumatanutti kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa deemaa turte. Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta sanyii isaaniitiif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale san, akka isaan hin dhaggine kakate.
JOS 5:7 Iyaasuun ijoollee Mootiin Waan Maraa addee abbootii isaaniititti kaase haqanqabaa qabe; isaan karaa irratti haqanqabaa waan hin qabatiniif, haqanqabaa qabatanee hin jiranu.
JOS 5:8 Kolbaan duudiin haqanqabaa qabatteen duuba, haga madaan isaanii fayyitu addee quttumaatitti turane.
JOS 5:9 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ani adha salphinna keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin irraa konkolaachise» jedhe. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Giilgal» jedhame.
JOS 5:10 Israa'elooti Giilgalitti qubatanee adoo jiranuu, ji'a keessaa guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala diida Yeriko'ootitti Jila Irra Dabaramaa jilifatane.
JOS 5:11 Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin duuba midhaan lafa sanii, daabboo uukoo hin qannee fi akumm'ee nyaatane.
JOS 5:12 Guyyaa isaan midhaan lafa sanii nyaataneen jalqabee, mannaan bu'iisa lakkise; Israa'elooti woggaa san keessa midhaan latti Kana'aanii baattu nyaatane malee, eega san deebi'anee mannaa hin dhagganne.
JOS 5:13 Iyaasuun qachaa Yeriko'ootitti yennaa dhikaate, nama shallaagaa buqqifatee dhaabbateeru tokko ifiin duratti dhaggee, gara isaa dhaqee, «Ati gara keenna moo gara diina keennaa ti?» jedhee gaafate.
JOS 5:14 Namichille deebisee, «Ani gara keessan yookiin gara diinaatille'e moti; ammoo ajajaa loltoota Mootii Waan Maraa te'ee dhufeera» jedhe. Iyaasuulle lafatti jigee sagadeefii, «Goottaa kiyya, maan akka ani godhu barbaadda?» jedhee deebise.
JOS 5:15 Ajajaan loltoota Mootii Waan Maraa deebisee Iyaasu'uun, «Addeen ati dhaabbatteertu tun woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu» jedhe. Iyaasuulle akkasuma godhe.
JOS 6:1 Sodaa Israa'elootaatiif, balbalti seensuma karra qachaa Yeriko'oo cufantee eegamaa turte. Nami tokkolle seenuu yookiin bayuu hin dandeenne.
JOS 6:2 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ilaa, ani qachaa Yeriko'oo, mootii isaatii fi loltoota isaa woliin harka keetitti dabarsee kenneera.
JOS 6:3 Atii fi loltooti teeti haga guyyaa jaa, guyyaa keessatti yennaa tokko qachaa Yeriko'oo gogeessaan mara'a.
JOS 6:4 Hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabattee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deentuu ti. Guyyaa torbeesso'ootitti hayyooti tultullaa afuuttuun, atii fi loltooti teeti qachaa san yennaa torba cinaa mara'a.
JOS 6:5 Isaan qoonqoo tultulla'aa adoo wol irraa hin kutin, tultullaa yennaa afuufanuun dhageettane, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee iyyituu ti. Achiin duuba dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa hin jiga; kolbaan sun nami tokkoon tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha'aa seenuu ti» jedhe.
JOS 6:6 Iyaasuun ilmi Nunii hayyoota waamee, «Saanduqa Gondooro'oo fuudha'aatii, isin hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabadha'aatii Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deema'a» jedhe.
JOS 6:7 Inni kolba'aan, «Deema'aatii, qachaa gogeessaan marsa'a; worri meya lolaa hidhate Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deemuu ti» jedhe.
JOS 6:8 Iyaasuun kolba'atti dubbateen duuba, hayyooti torba worri Mootii Waan Maraatiin dura tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabatee deemu, tultullaa san afuufaa dura deemane; Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraalle isaan gula deeme.
JOS 6:9 Worri meya woraanaa hidhateerulle, hayyoota tultullaa afuufanuun dura deeme; worri kuun ammoo, hayyooti adoo wol irraa hin kutin tultullaa afuuttuun, Saanduqa Gondooro'ootiin duuba deeme.
JOS 6:10 Iyaasuun ammoo, «Haga ani, ‹Iyya'a› jedhee isinitti himutti hin iyyina'a; qoonqoon teessan hin dhage'amin, dubbiin takkaalle afaan keessan keessaa hin bayin» jedhee jara ajaje.
JOS 6:11 Maarre Iyaasuun Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa yennaa tokko qachaa akka maru godhe. Achiin duuba isaan addee quttumaatitti deebi'anee achi bulane.
JOS 6:12 Iyaasuun barii halkan ka'e; hayyootille Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atte.
JOS 6:13 Hayyooti torba worri tultullaa gaafa korbeeyyii hoole'ee torba qabateeru, adoo woli irraa hin kutin tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura deemane. Worri meya woraanaa hidhateeru isaaniin dura deeme; worri kuun ammoo Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin duuba deemane.
JOS 6:14 Guyyaa lammeesso'oo yennaa tokko gogeessaan qachaa maranee, addee quttumaatitti deebi'ane; haga guyyaa jaa akkasuma godhane.
JOS 6:15 Guyyaa torbeesso'ootitti barii yennaa boruun dayya'u ka'anee, akkuma qaraa yennaa torba qachaa marane; guyyaan isaan yennaa torba gogeessaan qachaa cinaa marane gaafa kana qofa.
JOS 6:16 Martoo torbeesso'ootitti yennaa hayyooti tultullaa afuuttu, Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa qachaa kana waan isiniif kenneef iyya'a!
JOS 6:17 Qacha'aa fi wonni qachaa keessa jiru marti akka woreegamanuuf, Mootii Waan Maraatiif murteeffamaneeran; Rahaabiin sagaagaltittiin dootuu nuuti erganne waan dhossiteef, isi'ii fi worri isii woliin mana isi'ii keessa jiru callaan hafanuu ti.
JOS 6:18 Isin ammoo quttuma Israa'elootaatitti rakko'oo fi badii akka hin finne waan ijjumaa balleeffamuu qabu fudhatiisa irraa ifi eeggadha'a.
JOS 6:19 Meeti'ii fi worqiin, mey sageettu'uu fi sibiila irraa hujame marti Mootii Waan Maraatiif ka woyyoomane waan te'aneef addee karra Mootii Waan Maraatitti maffamuu qaban» jedhe.
JOS 6:20 Maarre hayyooti tultullaa afuutte. Kolbaan akkuma tultullaa dhageetteen, qoonqoo guddo'oon iyyite; dalleenni qacha'aalle jige. Achiin duuba kolbaan sun nami tokko tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha'aa seenee qabate.
JOS 6:21 Isaan waan qachaa san keessa jiru duudii dhiiraa fi dubartii, dargaggootaa fi jaarsolee, loon, hoole'ee fi harree shallaaga'aan ijjeesiisaan Mootii Waan Maraatiif murteessane.
JOS 6:22 Iyaasuun achiin duuba dootuu lamaaniin, «Gara mana namittii sagaagaltuu sanii dhaqa'aatii, akkuma isi'iif kakattanetti isi'ii fi worra isii woliin mana isi'ii keessa jiru baasa'a» jedhe.
JOS 6:23 Maarre isaan deemanee abbaa isi'ii, haadha isi'ii, obboleeyyan isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara baasane; maatii isi'iille mara fidanee quttuma Israa'elootaatiin ala qubachiisane.
JOS 6:24 Achiin duuba isaan meetii, worqii, meya sageettu'uu fi sibiila irraa hujame addee karra Mootii Waan Maraa keyanee, qacha'aa fi waan isa keessa jiru mara ammoo ibiddaan gubane.
JOS 6:25 Iyaasuun ammoo Rahaabiin sagaagaltittiin ergantoota qachaa Yeriko'oo dooyiisaaf ergamane san dhossitee waan baatteef, isii, maatii isi'iitii fi worra isii woliin jiru mara du'a irraa hambure. Sanyiin isi'ii haga adhaa biyya Israa'elii keessa jirti.
JOS 6:26 Yennaa san Iyaasuun, «Nami qachaa Yeriko'oo deebisee ijaariisaaf ka'u Mootii Waan Maraa duratti ka abaarame hin te'a. Nami hundee isaa buusu ilma angaficha ifii hin dhaba; nami karra dalleyaa dhaabu ilma maandhicha ifii hin dhaba» jedhee jabeessee isaan kakachiise.
JOS 6:27 Maarre Mootiin Waan Maraa Iyaasuu woliin jiraayyu; gurri isaalle lafa san duudii keessatti dhage'ame.
JOS 7:1 Kolbaan Israa'elii waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame fudhatiisaan addatamummaa dhadde; gosa Yihuda'aa keessaa Akaaniin ilmi Karmii, akaakoon Zabdii, abuuboon Zaara'aa waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame irraa waan fudhateef, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti guddoo aare.
JOS 7:2 Iyaasuun qachaa Yeriko'ootii gara qachaa Aayii ka Bet'el irraa gara aduun baatu, qachaa Bet-Aweenii bira jirutti namoota ergee, «Ol baya'aatii lafa dooya'a» jedhe; namootille ol bayanee qachaa Aayii dooyane.
JOS 7:3 Isaan gara Iyaasu'uu deebi'anee, «Worri Aayii diqqaa waan te'eef, isaan injifatiisaaf nama mara itti duulchisuu hin barbaachisu; akka adhanuuf namoota kuma lama yookiin kuma sad qofa itti ergi; kolbaan Aayii diqqoo waan teeteef loltoota mara hin dadhassiisin» jedhaneen.
JOS 7:4 Maarre Israa'elooti gara kuma sadii gara qachaa Aayii ol bayane; ammoo namoota Aayii duraa baqatane.
JOS 7:5 Namooti qachaa Aayii karra qacha'aatii haga Shebaariimiititti Israa'eloota ari'anee, irraa gadee irratti namoota soddomii jaa ijjeesane. Achiin duuba gadhaan kolbaa Israa'elii akka gaga'aa baqeera.
JOS 7:6 Yoos Iyaasu'uu fi sooreyyiin Israa'elii gaddanee woyaa ifii tarsaasane; isaan mataa ifii irratti bukuu facaafatanee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifamanee, haga galgalaa achi turane.
JOS 7:7 Iyaasuun, «Maaloo, Goottaa Mootii Waan Maraa! Kolbaa tana as laga Yordaanosii gamatti maaf buutte? Harka worra Amoorotaatitti kennitee nu balleessiisaafii? Adoo laga Yordaanosiitiin gamatti hannee hin jiraannuu!
JOS 7:8 Ee Gootta'a, Israa'elooti diinota ifii eega baqatte, ani maan jedha ree?
JOS 7:9 Worri Kana'aanotaatii fi worri lafa san keessa jiru duudiin marroo waan kanaa hin dhage'an. Isaan nu duudii marsanee, lafa irraa nu hin balleessan. Maqaa guddaa keetiif jettee maan goota ree?» jedhe.
JOS 7:10 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ka'i! Maaf lafatti gad gombifante?
JOS 7:11 Kolbaan Israa'elii cubbuu hujjeerti! Gondooroo tiyya ta ani akka eegattuuf ajaje diiddeerti. Waan ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame irraa fudhattee, hattee, soddee karra ifii wolille'een keyatteerti.
JOS 7:12 Tanaaf kolbaan Israa'elii diinota ifii dura dhaabbatuu hin dandeenne; akka woreegamanu ana Mootii Waan Maraatiif waan murteeffamaneef, isaan diinota ifii duraa baqatan. Waan akka badduuf ani murteesse yoo balleessitane malee, ani deebi'ee isin woliin hin jiraadhu.
JOS 7:13 Ka'iitii kolbaa qulleessi! ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ee Israa'el! Wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame odduu teessan jira. Waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame kana odduu teessanii haga baattanutti diinota keessan dura dhaabbatuu hin dandeettanu; boruuf ifi qulleessa'a.
JOS 7:14 Barii gosuma gosa keessaniin dhikaadha'a. Gosi Mootiin Waan Maraa filu golii maatii maati'iitiin, maatiin Mootiin Waan Maraa filu dhiirti tokko tokkoon Mootii Waan Maraa duratti dhikaatuu ti.
JOS 7:15 Nami wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame biratti dhaggame, Gondooroo Mootii Waan Maraa diigee, salphinna hamaa kolbaa Israa'elii keessatti waan godheef, innii fi wonni inni qabu marti gubamuu ti› jedhii isaanitti himi» jedhe.
JOS 7:16 Iyaasuun barii halkaniin ka'ee Israa'el gosa gosaan fidee dhikeessee, Waaqi gosa Yihuda'aa file.
JOS 7:17 Iyaasuun gosa Yihuda'aa golii maatii maati'iitiin duratti dhikeessee, isaan keessaa Waaqi golii maatii Zaara'aa file. Achiin duuba maatiin Zaara'aa duudiin duratti dhikaattee, Waaqi maatii Zabdii file.
JOS 7:18 Achiin duuba Iyaasuun maatii Zabdii dhiira tokko tokkoon gara duraa dhikeesse. Waaqille Aakaanii ilma Karmii file; Karmi ilma Zabdii ti, Zabdi ilma Zaara'aa ti.
JOS 7:19 Iyaasuun ammalle Akaaniin, «Ilma kiyya, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif ulfinna kenni; isa leellifadhu. Waan gootelle amma na hin dhossinii natti himi» jedhe.
JOS 7:20 Akaan deebisee, «Dhuguma ani Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii yakkeera; wonni ani yakkelle,
JOS 7:21 meya dhagge keessaa woyaa dansaa worra Shiinaarii, meetii gara kiiloogiraama lamaatii fi worqii gara giraama shantamaa dhaggee kajeelee fudhadhe. Woyaan dunkaana kiyya keessatti awwaalantee, meetiille woyaa jalaan jirti» jedhe.
JOS 7:22 Maarre Iyaasuun ergantoota erge; isaanille gara dunkaana isaa rukkisanee mey dunkaana keessatti awwaalamee, meetiin jalaan jirtuun dhaggane.
JOS 7:23 Isaan meya dunkaana keessaa baasanee addee Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin jirtutti fidanee, Mootii Waan Maraa dura naqane.
JOS 7:24 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti duudiin Aakaanii ilma Zaara'aa, meetii, geellaa, Worqii cittuu, ilmaan isaatii fi ijoollee durraa ta isaa, loon, harree, hoolee, dunkaana isaatii fi waan inni qabu mara fuudhanee gara dhooqa rakko'ootitti geessane.
JOS 7:25 Iyaasuun Akaaniin, «Ati maaf rakkoo tana nutti fidde? Mootiin Waan Maraa adha rakkoo sitti hin fida» jedhe; kolbaan Israa'elii marti Aakaanii fi maatii isaa dhaka'aan tumanee ijjeesanee, ibiddaan gubane.
JOS 7:26 Aakaanii gubame irratti tuulaa dhaka'aa guddoo itti tuulane; tuulaan dhaka'aa sun haga adhaalle jirti. Mootiin Waan Maraalle aaree gubatiisa lakkise. Tanaaf addeen sun haga adhaalle, «Dhooqa rakko'oo» jedhanti.
JOS 8:1 Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Hin sodaatin! Gadhaa hin guurin! Loltoota teeti duudii fudhadhuutii gara qachaa Aayii ol bayi; kunoo ani mootii qachaa Aayii, kolbaa isaa, qachaa isaatii fi lafa isaa harka keetitti dabarsee kennaara.
JOS 8:2 Akkuma qachaa Yeriko'ootii fi mootii qachaa Yeriko'oo goote, qachaa Aayiitii fi mootii qachaa saniille akkasuma hin goota; ammoo hori'ii fi waan qachaa keessaa boojitu ifiif fudhadhu; loltoota teeti keessaa garii qachaa duubaan kushee qabachiisi» jedhe.
JOS 8:3 Maarre Iyaasuun loltoota ifii duudii woliin qachaa Aayii loliisaaf ka'e. Inni loltoota ifii worra irra jajjabaa kuma soddoma filee halkaniin ergee,
JOS 8:4 isaan ajajee, «Miidhassa'aa caqasa'a. Qacha'aan duubatti kushee qabadha'aatii loliisaaf qophowa'a malee, irraa guddoo hin fagaatina'a.
JOS 8:5 Anii fi namooti na woliin jiranu qacha'atti hin dhikaanna. Yennaa isaan akkuma durii nu loliisaaf bayanu, isaan duraa hin baqanna.
JOS 8:6 Isaan ‹Akkuma durii nu duraa baqataaran› jedhanee, qachaa keessaa haga isaan fageessinutti nu ari'an.
JOS 8:7 Achiin duuba kushee keessaa baya'aatii, qachaa qabadha'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan qachaa san dabarsee isiniif hin kenna.
JOS 8:8 Qachaa qabattaneen duuba guba'a. Akkuma Waaqi ajaje godha'a; kunoo, ani isinitti himeera» jedhe.
JOS 8:9 Maarre Iyaasuun erge; isaanille addee san dhaqanee, qachaa Aayii irraa gara aduun seentuun qachaa Aayiitii fi Bet'elii oddu'utti riphanee eegane; Iyaasuun ammoo halkan san loltoota hafane kaan bira bule.
JOS 8:10 Iyaasuun barii halkaniin ka'ee, loltoota ifii gogeessatti galche. Achiin duuba innii fi sooreyyiin Israa'elii worra duulu gara qachaa Aayii sooressane.
JOS 8:11 Loltooti isa woliin jiranu duudiin ol bayanee, qachaa Aayiitiin dura gara kaabaatitti qubatane; isaanii fi qachaa Aayi odduu dhooqatti jiraayyu.
JOS 8:12 Iyaasuun namoota gara kuma shanii fuudhee, akka isaan riphanee eeganuuf qachaa Aayii irraa gara aduun seentutti Bet'elii fi Aayi odduu keye.
JOS 8:13 Loltoota garii qachaa irraa gara kaabaatitti, ka hafane gara aduun seentutti addee qabachiisane. Iyaasuun ammoo halkan san dhooqa keessa bule.
JOS 8:14 Mootiin Aayii tana yennaa dhagge, innii fi namooti qachaa keessa jiranu duudiin barii halkaniin ariifatanee, kolbaa Israa'elii loliisaaf gara fuullee Arabaayiititti gad bayane. Mootichi ammoo akka namooti qacha'aan duubatti riphanee eegiisatti jiranu hin beenne.
JOS 8:15 Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin waan injifatamane ifi fakkeessanee gara goomole'ee baqatane.
JOS 8:16 Namooti qachaa Aayii duudiin akka isaan ari'anuuf waamamane; isaanille adoo Iyaasuu ari'anuu qachaa irraa fagaatane.
JOS 8:17 Nami Israa'eloota ari'iisaaf qachaa Aayiitii fi Bet'elii keessaa hin bayin hin jiruuyyu. Isaan qachaa eeddoo malee lakkisanee kolbaa Israa'elii ari'ane.
JOS 8:18 Achiin duuba Waaqi Iyaasu'uun, «Eboo teeti gara qachaa Aayii qabi; ani qachaa kana harka keetitti dabarsee kennaara» jedhe; Iyaasuulle eboo ifii gara qachaa Aayii qabe.
JOS 8:19 Akkuma inni harka ifii ol kaaseen, loltooti riphaneeranu ariiti'iin ka'anee gara qacha'aa fiiganee qachaa san qabatanee, yoosuma ibidda itti qassiisane.
JOS 8:20 Worri qachaa Aayii garagalee yennaa ilaalu, aarri qachaa keessaa ol ka'uun dhagge. Kolbaan Israa'elii ta gara goomole'ee baqataa turte, worra isaan ari'u loliisaaf waan itti garagalteef, worri ari'u karaa miliqu dhabe.
JOS 8:21 Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin, worri kushee qabatee riphe akka qachaa qabatee fi aarri qachaa keessaa akka ol ka'e yennaa dhaggane, garagalanee worra qachaa Aayii adhane.
JOS 8:22 Worri qachaa qabate sun qachaa keessaa bayee loliisaaf gad dhufe; maarre Israa'elooti worra qachaa Aayii marsanee, nami tokkolle adoo hin hafin yookiin hin miliqin ijjeesanee fixane.
JOS 8:23 Mooticha qachaa Aayii ammoo booji'anee gara Iyaasu'uu geessane.
JOS 8:24 Worri Israa'elii, namoota qachaa Aayii worra isaan ari'uu dhaqe duudii goomolee keessatti nami tokkolle adoo hin hafin shallaaga'aan ijjeesanee fixane. Achiin duuba gara qachaa Aayii deebi'anee worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane.
JOS 8:25 Gaafa san kolbaan qachaa Aayii marti dhiiraa fi dubartiin kuma kudhanii lamaa dhumate.
JOS 8:26 Worri qachaa Aayii keessa jiru duudiin haga dhumatutti, Iyaasuun harka ifii ka ittiin eboo qacha'atti qabe gad hin buufanne.
JOS 8:27 Worri Israa'elii ammoo akkuma Waaqi Iyaasuu ajajetti, hori'ii fi waan qachaa keessaa booji'ane fudhatane.
JOS 8:28 Maarre Iyaasuun qachaa Aayii gubee, akka tuulamu godhe. Qachaan sun haga adha akkasuma jira.
JOS 8:29 Iyaasuun mooticha qachaa Aayi muka irratti fannisee, haga galgalaa achitti lakkise; yennaa aduun seentu reeffa muka irraa buusanee, seensuma karra qacha'aatitti akka gatanu ajaje. Isaan tuulaa dhaka'aa guddoo itti tuulane; tuulaan sun haga adhaa achi jirti.
JOS 8:30 Achiin duuba Iyaasuun gaara Ebaalii irratti Goottaa Waaqa Israa'eliitiif addee ciinca'aa huje.
JOS 8:31 Iyaasuun akka Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elootaa ajajee fi akka kitaaba Seera Muuse'ee keessatti barreeffantetti, dhakaa hin bocaminii fi ka mey sibiilaa hin tuqin irraa addee ciinca'aa huje. Isaan achi irratti ciinca'aa fi woreega tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessane.
JOS 8:32 Achitti inni Israa'elootaa duratti, seera Muuseen barreesse irraa dhakoota irratti barreesse.
JOS 8:33 Kolbaan Israa'elii duudiin, jaarsolee isaanii, qondaaltotaa fi abbootii mura'aa ta isaaniitii fi orma isaan woliin jiru wolille'een Saanduqa Gondooro'oo garanaa fi gara kaaniin Lewwoota worra hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dura dhaabbattane; Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elii akka eebbisanu dursee akkuma isaan ajajetti worri gariin gara gaara Geriiziimiititti, worri gamisi gara gaara Ebaalititti garagalee dhaabbate.
JOS 8:34 Achiin duuba Iyaasuun Seera duudii, eebbaa fi abaarsa, akkuma kitaaba Seeraa keessatti barreeffame qoonqoo guddo'oon dubbise.
JOS 8:35 Dubbii Muuseen ajaje duudii keessaa, wonni Iyaasuun wolde'a Israa'elii dubartoota, ijoolle'ee fi worra orma isaan woliin jiru duudi'itti hin dubbisin hafe hin jiru.
JOS 9:1 Moototi Yordaanos irraa gara aduun seentuu ta biyya koobitti'ii, biyya gammoojji'iitii fi qarqara Abbaayaa Mediteraaniya'aa haga kaaba Libaanoniititti jiranu, moototi Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa duudiin waan kana yennaa dhage'ane,
JOS 9:2 Iyaasu'uu fi kolbaa Israa'elii loliisaaf wolitti dacha'anee dhufane.
JOS 9:3 Worri lafa Giibe'onii Hiiwoti ammoo, waan Iyaasuun qachaa Yeriko'ootii fi Aayii irratti godhe yennaa dhage'ane,
JOS 9:4 Iyaasuu sobiisaaf murteeffatane. Isaan worra lafa fago'ootii ergamane ifi fakkeessanee, galaa qopheeffatanee, subba dullootaa fi qalqalluu daadhii woyni'ii ka dulloomee tarsa'ee erbame harree ifiititti fe'atane.
JOS 9:5 Isaan kophee dulloontee hodhante keyatanee, woyaa dulloontelle uffatane. Daabboon isaan galaa godhatane duudiin goddu'uu fi ta buullansootte.
JOS 9:6 Achiin duuba isaan gara quttuma Iyaasu'uu Giilgal dhaqanee, Iyaasu'uu fi Israa'elootaan, «Nuuti isiniin firoomiisaaf lafa fago'ootiin dhunneerra, kowa'a wol gondoorra» jedhane.
JOS 9:7 Israa'elooti ammoo Hiiwotaan, «Isin dhikoo teenna leetan fa te'a, attamiin wol gondoorra ree?» jedhane.
JOS 9:8 Isaan Iyaasu'uun, «Nuuti tajaajiltoota teeti» jedhane. Iyaasuun ammoo, «Isin eennu? Eessaa dhuttane» jedhee isaan gaafate.
JOS 9:9 Isaanille deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti, gurra Goottaa Waaqa keetii, waan inni biyya Gibxi'iititti godhe duudii dhageennee, biyya fago'ootii dhunne;
JOS 9:10 waan inni mootota Amoorotaa lamaan worra laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiranu, Sihoonii mootii Heshibooniitii fi Oogii mootii Baashaanii ka qachaa Ashtaaroo le'anu godhe duudiille dhageenneerra.
JOS 9:11 Jaarsoleen teennaa fi worri biyya teenna keessa le'u duudiin nu'uun, ‹Deensa kara'aatiif galaa qabadha'aatii, gara Israa'elootaa deema'aatii isaaniin wol dhagga'a; isaanille'een, «Nuuti tajaajiltoota teessan; kowa'a wol gondoorra» › jedha'a.
JOS 9:12 Daabboo teenna ilaala'a. Yennaa nuuti isiniin wol dhaggiisaaf mana keennaa qabannee baane o'itu'u. Amma ammoo, akka isiin goddee buullansootte ilaala'a!
JOS 9:13 Qalqallooti daadhii woyni'ii kana yennaa itti guutanne haareya; amma kunoo tatarsa'eera. Karaa fagoo deemiisa keenna irraa ka ka'e woyaan teennaa fi kopheen teenna dulloonteerti» jedhane.
JOS 9:14 Israa'elooti sagalee diqqoo jara irraa fudhatane malee, marroo waan kanaa fedha Waaqaa hin gaafanne.
JOS 9:15 Maarre Iyaasuun akka isaan hin ijjeenne isaan woliin wol gondoore; jaarsoleen kolba'aalle gondooroo san eegiisaaf kakatte.
JOS 9:16 Wol gondooranee guyyaa sadiin duuba, Israa'elooti, worri kun ollaa isaaniitii fi worra dhikoo isaanii jiru akka te'ane dhage'ane.
JOS 9:17 Guyyaa sadiin duuba kolbaan Israa'elii addee quttumaatii kaatee, gara qachaa worri kun le'uu Giibe'on, Kefiiraa, Berootii fi Kiriiyat-Ya'ariimii dhaqane.
JOS 9:18 Israa'elooti ammoo sooreyyiin isaanii maqaa Goottaa Waaqa Israa'eliitiin waan isaaniif kakataneef isaan hin ijjeenne. Israa'elooti duudiin marroo waan kanaa sooreyyii irratti gungunte.
JOS 9:19 Sooreyyiin ammoo, «Nuuti maqaa Goottaa Waaqa Israa'eliitiin isiniif kakanneerra; tanaaf amma isaan miidhuu hin dandeennu.
JOS 9:20 Kakuu isaaniif kakanne diinnee mufiin Waaqaa akka nutti hin dhunne, kowa'a jiraatanuu lakkinna.
JOS 9:21 Akkuma sooreyyiin isaanitti murteessitetti jiraatanuu ti; ammoo qoraan biyyaaf cassaa, bisaan biyyaa woraabanuu ti» jedhane.
JOS 9:22 Iyaasuun worra Giibe'onii waansisee, «Isin as dhikoo teenna adoo leetanuu, ‹Nuuti fago'oo dhunne› jettanee maaf nu soddane?
JOS 9:23 Tana waan gootaneef, Waaqi isin abaareera. Kolbaan teessan qoraan cassiisaa fi bisaan woraabiisaan, mana Waaqa kiyyaatiif haga bara baraa garboolee te'an» jedhe.
JOS 9:24 Isaan deebisanee Iyaasu'uun, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa tana duudii isin akka dhaalchisuu fi kolbaa lafa tana keessa jiraattu duudii akka balleessu, tajaajilaa ifii Muusee akka ajaje waan dhageenneef, isin guddoo sodaannee lubbuu teenna hamburatiisaaf tana goone.
JOS 9:25 Kunoo, nuuti harka keeti keessa jirra; waan ila teeti duratti dansa'aa fi sirrii te'ee mudhate nu irratti godhi» jedhaneen.
JOS 9:26 Tanaaf Iyaasuun harka Israa'elootaa irraa isaan hambure; Israa'elootille isaan hin ijjeenne.
JOS 9:27 Gaafas Iyaasuun jara san qoraan cassaa, bisaan woraabaa, kolbaa Israa'eliitii fi addee ciincaa Mootii Waan Maraa akka tajaajilanu godhe. Isaan haga adhaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filatetti hujii tana hujiisatti jiran.
JOS 10:1 Adoonii-Zedeq mootiin Yerusaalemii, Iyaasuun qachaa Aayii fudhatee ijjumaa akka balleesse, waan inni qachaa Yeriko'ootii fi mootii Yeriko'oo, Aayii fi mootii Aayii godhe, worri Giibe'oniille Israa'eloota woliin akka wol gondooranee woliin le'iisatti jiranu yennaa dhage'e,
JOS 10:2 qachaan Giibe'onii akkuma qachoota moototaan bulanuu, qachaa gudda'aa fi qachaa Aayi caalaa guddaa, loltootille jajjaboo waan te'aneef, Adoonii-Zedeqii fi namooti isaa guddoo sodaatane.
JOS 10:3 Maarre Adoonii-Zedeq mootiin Yersaalemii, gara Hohaamii mootii Kebroonii, Fiiraamii mootii Yarmuutii, Yaafii'aa mootii Laakiishii, Deebirii mootii Egaloonii ergee,
JOS 10:4 «Worri Giibe'onii, Iyaasu'uu fi kolbaa Israa'elii woliin le'iisaaf waan wol gondooreef, kowa'a qachaa kana loliisa na qarqaara'a» jedhe.
JOS 10:5 Achiin duuba mootiin Yersaalemii, mootiin Kebroonii, mootiin Yarmuutii, mootiin Laakiishii, mootiin Egloonii, moototi Amoorotaa shanan kun loltoota ifii woliin ol bayanee, Giibe'on marsanee lolane.
JOS 10:6 Worri Giibe'onii gara Iyaasuu addee Giilgal jedhantutti qubateeruu ergatanee, «Moototi Amoorotaa worri biyya koobittii keessa le'u duudiin, nu loliisaaf waan wolitti qabamaneeranuuf, goottaa keenna nutti hin daaw'atin; dafii koyii nu qarqaar; nu hamburi» jedhane.
JOS 10:7 Tanaaf Iyaasuun loltoota ifii duudi'ii fi loltoota lolaan beekkamane woliin Giilgalii bayanee deemane.
JOS 10:8 Waaqi Iyaasu'uun, «Ani injifachaa waan sii kenneeruuf isaan hin sodaatin; isaan keessaa nami tokkolle si dura dhaabbatuu hin dande'u» jedhe.
JOS 10:9 Iyaasuun Giilgalii ka'ee halkan guutuu deemaa bulee dedhuma worra Amoorotaatitti dhufe.
JOS 10:10 Waaqi Amooroti Israa'eloota duratti gara itti goranu akka wollaalanu godhe; Israa'elooti Giibe'onitti isaan qalanee, worra hafelle karaa Bet-Horoonitti ol bawu irraa, haga qachaa Aazeqa'aatii fi qachaa Maqeda'aatitti ari'ane.
JOS 10:11 Worri Amoorotaa Israa'elootaan dura Bet-horoon irraa gad adoo baqatuu, haga Aazeqa'aatitti Waaqi gubbaa irraa dhakaa bokkeyaa gugurdaa isaanitti buuse; worra Israa'elooti shallaaga'aan ijjeesane caalaa, worra dhakaa bokkeyaatiin du'etti caala.
JOS 10:12 Guyyaa Waaqi worra Amoorotaa Israa'elootatti dabarsee kenne, Iyaasuun kolbaa Israa'elii dura dhaabbatee Waaqaan, «Adu'u, gaara Giibe'onii gubba'atti dhaabbadhu; Ji'a, dhooqa Ayalonii gubba'atti dhaabbadhu» jedhe.
JOS 10:13 Israa'elooti diinota ifii haga haluu bayanutti aduun dhaabbatte; jiinille adde'ee hin tachoone. Tunille kitaaba Yaashaar barreesse keessatti dhagganti. Aduun guyyaa san guutuu wodhakkaa gubbaa irratti dhaabbattee turte malee, seeniisaaf hin ariifanne.
JOS 10:14 Gaafas Waaqi Israa'elootaaf waan loleef, guyyaan Waaqi itti namaaf dhage'e ka akkasii tanaan qara yookiin duuba tokkolle te'ee hin beeku.
JOS 10:15 Achiin duuba Iyaasu'uu fi loltooti isaa duudiin, gara addee itti qubatanee Giilgalitti deebi'ane.
JOS 10:16 Moototi Amoorotaa Shanan baqatanee goda Maqeda'aa keessatti dhokatane.
JOS 10:17 Moototi Shanan tun goda Maqeda'aa keessatti akka dhokataneeranu Iyaasu'utti himame.
JOS 10:18 Iyaasuun, «Dhakaa gugurdaa afaan godaatitti gangalcha'aatii, namoota eeganu itti godha'a.
JOS 10:19 Isin ammoo achi hin turina'a. Diinota keessan ari'aatii duubaan isaan lola'a; Goottaan Waaqi keessan injifachaa waan isinii kenneeruuf, akka isaan qachoota ifiititti seenanu hin godhina'a» jedheen.
JOS 10:20 Iyaasu'uu fi Israa'elooti diinota ifii ijjeesane; worri gariin callaan qachaa ifii ka dalleenni itti ijaarame seenee hafe.
JOS 10:21 Achiin duuba namooti Iyaasu'uu duudiin nageyaan gara addee quttuma isaa Maqeda'atti deebi'ane. Nami lafa sanii tokkolle Israa'elootatti hin gamne.
JOS 10:22 Achiin duuba Iyaasuun, «Afaan godaa bana'aatii mootota shanan san achi keessaa gad baasa'aatii natti fida'a» jedhe.
JOS 10:23 Maarre isaan mootota shanan san mootii Yerusaalemii, mootii Kebroonii, mootii Yarmuutii, mootii Laakiishiitii fi mootii Egloonii goda keessaa gad baasanee gara isaa fidane.
JOS 10:24 Yennaa isaan mootota san gara Iyaasu'uu fidane, Iyaasuun namoota Israa'elii duudii waamee, ajajjoota woraanaa ta ifiitiin, «As kowa'aatii miila keessaniin morma mootota kanaa irra ijjadha'a» jedhe. Isaanille dhufanee miila ifiitiin morma mootota sanii irra ijjatane.
JOS 10:25 Iyaasuulle ajajjuu woraana ifiitiin, «Diinota keessan worra isin lolu'uuf jirtanu duudii Waaqi akkasuma waan godhuuf hin sodaatina'a; hin nayina'a, jabaadha'a jajjabaadha'a» jedheen.
JOS 10:26 Achiin duuba Iyaasuun mootota shanan san ijjeesee, muka shan gubba'atti fannise; reeffi isaaniille haga galgalaa achuma ture.
JOS 10:27 Aduun seenaartuun Iyaasuun reeffi mootota sanii mukoota itti fannifame irraa akka gad buufamuu fi goda isaan dur dhokatanee turanetti akka gatamu ajaje. Isaan dhakoota gugurdaa afaan godaa irra keyane; dhakooti sun haga adhaa achi jiran.
JOS 10:28 Iyaasuun gaafuma san Maqedaa qabatee, namoota qachaa san keessaatii fi mooticha qachaa sanii shallaaga'aan ijjeese; nama qachaa san keessaa tokkolle hin hamburre. Inni mootii Yeriko'oo akkuma godhe, mootii Maqeda'aalle godhe.
JOS 10:29 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu marti qachaa Maqeda'aatii gara qachaa Liibna'aa taranee qachaa san lolane.
JOS 10:30 Waaqi qachaa Liibna'aatii fi mootii qachaa sanii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne. Isaan namoota qachaa sanii ijjeesanee, nama tokkolle hin hamburre. Isaan mootii Yeriko'oo akkuma godhane, mootii Liibna'aalle godhane.
JOS 10:31 Achiin duuba Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin qachaa Liibna'aatii gara qachaa Laakiishii taranee marsanee lolane.
JOS 10:32 Lolli jalqabee guyyaa lammeesso'ootitti Waaqi qachaa Laakiishii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne; isaan akkuma qachaa Liibna'aa godhane, namoota qachaa Laakiishii keessa jiranu duudii shallaaga'aan ijjeesane.
JOS 10:33 Yennuma san Horaam mootiin Gezerii, kolbaa Laakiishi qarqaariisaaf dhufe; Iyaasuun ammoo Horaamii fi loltoota isaa injifate. Isaan keessaa nami tokkolle hin hanne.
JOS 10:34 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin qachaa Laakiishiitii ka'anee, gara qachaa Egloonii dhaqanee marsanee lolane.
JOS 10:35 Isaan gaafasuma qachaa san qabatanee, akkuma qachaa Laakiishii godhane namoota qachaa san keessa jiranu duudii ijjeesane.
JOS 10:36 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin Egloonii ka'anee ol bayanee qachaa Kebroonii lolane.
JOS 10:37 Isaan qachaa Kebrooniitii fi olloota qachaa sanii qabatanee, mootichaa fi namoota mara shallaaga'aan ijjeesane; akkuma qachaa Egloonii godhane qachaa Kebrooniille balleessanee, nami tokkolle hin hanne.
JOS 10:38 Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin deebi'anee qachaa Deebirii lolane.
JOS 10:39 Isaan qachaa san, mootii qachaa saniitii fi ollaa cinaa qachaa sanii duudii qabatanee, namoota qachaa san keessaa mara balleessane; nami tokkolle hin hanne. Akkuma Kebroon, Liibna'aa fi mootii isi'ii godhane, Deebirii fi mootii isi'iille akkasuma godhane.
JOS 10:40 Maarre Iyaasuun lafa duudii, biyya koobittii, goodda gara aduun baatuutii fi biyya kooba jalaa, akkasuma biyya goomolee kibba Kana'aanii, mootota isaanii mara injifate. Inni akkuma Goottaan Waaqi Israa'elii ajaje nama duudii balleessee, nami tokkolle hin hanne.
JOS 10:41 Iyaasuun Qaadesh Barne'aan haga Gaaza'aa, adaala lafa Gooshenii duudii dabalatee haga qachaa Giibe'onii injifate.
JOS 10:42 Goottaan Waaqi Israa'elii kolbaa Israa'eliitiif waan loleef, Iyaasuun mootota tana duudi'ii fi lafa isaanii yennuma takka'aan qabate.
JOS 10:43 Achiin duuba Iyaasuun Israa'eloota isa woliin jiranu duudii woliin quttuma Giilgaliititti deebi'ane.
JOS 11:1 Yaabiin mootiin Hazoorii kolbaan Israa'elii akka injifatte yennaa dhage'e, gara Yobaabii mootii Maadonii, gara mootota Shimrooniitii fi Akshaafii,
JOS 11:2 gara mootota biyya koobittii kaabaa, gara mootota dhooqa laga Yordaanosii kibba Abbaayaa Galiila'aa jiranuu, gara mootota kooba jalaatii fi mootota biyya koobittii Door jedhantuu, ta gara aduun seentuun cinaa abbaaya'aatitti dhaggantuu dhaansa erge.
JOS 11:3 Akkasuma gara Kana'aanota baya adu'uutii fi seensa adu'uu jiranuu, gara Amoorotaa, gara Hiiwotaa, gara Pheriizotaa, gara Yibusootaatii fi Hiiwota worra biyya Miisphaa keessa kooba Hermoon jala jiranuu dhaansa erge.
JOS 11:4 Isaan loltoota ifii worra akka maansa irga abbaaya'aa hedduu, fardo'oo fi garreettaa fardo'oon harkifamu hedduu woliin dhufane.
JOS 11:5 Moototi tun duudiin loltoota ifii wolitti gurmeeffatanee, Israa'eloota loliisaaf bisaan Meromii bira qubatane.
JOS 11:6 Waaqille Iyaasu'uun, «Isaan hin sodaatin. Ani boru yennaa tana isaan mara harka Israa'elootaatitti dabarsee kennee, akka qalamanu godha. Ati mogolee fardoo isaanii mogolchiitii, garreettaa isaanii ka fardoole'een harkifamulle ibiddaan guggubi» jedheen.
JOS 11:7 Maarre Iyaasu'uu fi loltoota isaa duudiin dedhuma bisaan Meromii biratti isaan lolane.
JOS 11:8 Waaqille harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan kenne. Israa'elooti isaan lolanee haga Sidoonii gudditti'ii, haga Misrefot-Maayimii, karaa aduun baatu haga dhooqa Miispha'aa ari'ane. Nyaapha isaanii keessaa nami tokkolle adoo hin hafin fixane.
JOS 11:9 Iyaasuun akkuma Waaqi isa ajaje godhe; inni fardoo isaanii mogolchee, garreettaa isaanii ka fardo'oon harkifamulle guggube.
JOS 11:10 Yennaa san Iyaasuun gara duubaatitti deebi'ee qachaa Hazoorii qabatee, mootii qachaa saniille shallaaga'aan ijjeese. Qachaan Hazoorii dur mootummaa san duudi'iif qachaa guddicha.
JOS 11:11 Isaan worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne; qachaan Hazoorii gubate.
JOS 11:12 Akkuma Muuseen tajaajilaan Waaqaa ajaje, Iyaasuun qachoota sanii fi mootota qachaa sanii duudii qabatee, namoota duudii shallaaga'aan ijjumaa balleesse.
JOS 11:13 Ammoo qachaa Hazoorii ka Iyaasuun gube qofa malee, Israa'elooti qachoota addee dur diigame irratti ijaaramane keessa tokkolle hin gunne.
JOS 11:14 Israa'elooti waan bu'aa qabu duudi'ii fi horii qachaa san keessaa duudii fudhatanee ka ifii godhatane. Namoota qachaa san keessa jiranu duudii ammoo shallaaga'aan ijjeesane; nami tokkolle hin hanne.
JOS 11:15 Waaqi Muusee tajaajilaa ifii akkuma ajaje, Muuseen Iyaasuu ajaje; Iyaasuulle ajajameef. Iyaasuun waan Waaqi Muusee ajaje mara huje malee, tokkolle hin hamburre.
JOS 11:16 Iyaasuun lafa duudii biyya koobittii, biyya kooba jalaa, biyya goomolee kibba Kana'aanii, biyya Gooshenii duudii, biyya gammoojjittii, dhooqa laga Yordaanosii, biyya koobittii Israa'eliitii fi gammoojjii isi'ii qabate.
JOS 11:17 Iyaasuun gaara Halaakii ka gara Se'iirii ol ka'u irraa haga Ba'aal-Gaadii gaara Hermooniitiin jala, dhooqa Libaanonii keessaa qabatee, mootota isaanii duudii shallaaga'aan ijjeese.
JOS 11:18 Iyaasuun mootota tana duudii yennaa hedduu loleera.
JOS 11:19 Hiiwota worra qachaa Giibe'onii keessa le'u malee, qachaan tokkolle Israa'elootaan wolii galtee nageyaa hin qabu. Worri dhibiin marti lolaan injifatamanee qabamane.
JOS 11:20 Akka isaan Israa'eloota woliin wol lolanu, Waaqi mataa jabeeyyii isaan godhe; tanaaf ijjumaa akka badanu isaanitti murantee marartii malee ijjeefamane; kun ajaja Waaqi Muuse'eef kenne.
JOS 11:21 Iyaasuun yennaa san biyya koobittii, Kebroonii, Deebirii, Aanaabii, biyya koobittii Yihuda'aa maraa fi biyya koobittii Israa'elii maralle dhaqee Aanaaqota bibbineeyyii qachoota isaanii woliin ijjumaa balleesse.
JOS 11:22 Aanaaqota garii qofatti Gaazaa, Gaatii fi Ashidood keessatti hafe malee, lafa Israa'elootaa keessatti Aanaaqoti tokkolle hin hanne.
JOS 11:23 Iyaasuun akkuma Waaqi Muusee ajaje, lafa san guutumatti qabatee, akka qooda gosa gosa isaaniititti Israa'elootaaf dhaala godhee kenne. Achiin duuba kolbaan woraana irraa foorfatte.
JOS 12:1 Lafa Yordaanosii irraa gara aduun baatu, dhooqa Aaroniitii haga gaara Hermoonii, dhooqa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu duudii moototi Israa'elooti injifatte isaan kana:
JOS 12:2 Mootiin Amoorotaa Sihoon qachaa Heshiboonii keessa le'ee, qachaa Aro'erii ka irga dhooqa Aarnonii, dhooqa san keessa wodhakkaa Giil'aadiitii kaasee, haga laga Yaaboqii meessaa ilmaan Amooniititti,
JOS 12:3 gara aduun baatu dhooqa laga Yordaanosii irraa haga Abbaayaa Kenerootitti, karaa Bet-Yeshiimootittille'een haga Abbaayaa Arabaayiitii fi Abbaayaa sooddaa, karaa kibbaatiin haga goodda gaara Phiisga'aa bulche.
JOS 12:4 Akkasuma worra Refaa'otaa keessaa ka hafe Oogii mootii Baashaanii, qachaa Ashitaarotiitii fi Edraayin keessa le'ee ka bulche.
JOS 12:5 Lattii mootummaa isaa gaara Hermoonii, Saalkaanii, lafa Baashaanii duudii irraa haga meessaa Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa, wodhakkaa Giil'aadiitii haga meessaa Sihoonii mootii Heshiboonii ti.
JOS 12:6 Moototi lamaan sun Muusee tajaajilaa Waaqaatii fi kolbaa Israa'eliitiin injifatamane. Muuseen tajaajilaan Waaqaa lafa isaanii gosa Ruubeniitii fi gosa Gaadiitiif, akkasuma gosa Minaase'ee gamisaaf dhaala kenne.
JOS 12:7 Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii, mootota Yordaanosii irraa gara aduun seentuu, Ba'aal-Gaadi dhooqa Libaanonii keessaatii haga gaara Halaakii ka gara Se'iiriititti ol ka'u injifatane. Iyaasuun lafa san akka qooda gosa gosa isaaniititti lafa isaanii kenne.
JOS 12:8 Biyyi inni isaaniif kenne biyya koobittii, biyya koobaan jalaa ta gara aduun seentuu, dhooqa laga Yordaanosii, biyya goodda gaaraa, biyya goomole'eetii fi biyya kibba Kana'aanii, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Kana'aanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaatii fi biyya Yibusootaa ti.
JOS 12:9 Kolbaan Israa'elii mootota qachoota asii gadii injifatte: mootii Yeriko'oo, mootii Aayi ka Bet'el cinaa jiru,
JOS 12:10 mootii Yerusaalemii, mootii Kebroonii,
JOS 12:11 mootii Yarmuutii, mootii Laakiishii,
JOS 12:12 mootii Egloonii, mootii Gezerii,
JOS 12:13 mootii Deebirii, mootii Gederii,
JOS 12:14 mootii Hormaa, mootii Araadii,
JOS 12:15 mootii Liibna'aa, mootii Adulaamii,
JOS 12:16 mootii Maqeda'aa, mootii Bet'elii,
JOS 12:17 mootii Taafu'aa, mootii Heferii,
JOS 12:18 mootii Afeqii, mootii Lashaaronii,
JOS 12:19 mootii Maadonii, mootii Hazoorii,
JOS 12:20 mootii Shimroon-Meronii, mootii Akshaafii,
JOS 12:21 mootii Ta'anaa, mootii Megidoo,
JOS 12:22 mootii Qedeeshii, mootii Yoqnaamii ka gaara Qarmelosii,
JOS 12:23 mootii Doorii ka kooba Doorii gubba'aa, mootii qachaa Go'iimii ka lafa Galiila'aatii fi
JOS 12:24 mootii Tiirza'aa ti; wolumatti mootota soddomii tokko.
JOS 13:1 Yennaa Iyaasuun guddoo dulloome Waaqi isaan, «Ati guddoo dulloonteerta; lattii haga ammaa hin qabamin jirtu ammoo baca'a.
JOS 13:2 «Lattii hin qabamin jirtu, lafa Filisxeemotaatii fi lafa Geshuurotaa,
JOS 13:3 laga Shiihorii ka Gibxii gara aduun baatu jiruu ka'ee haga meessaa kaaba Eqroonii jiranu duudiin akka lafa Kana'aaniititti laakkowamane; tunille lafa mootota worra Filisxeemotaa shanan, Gaazaan, Ashidood, Ashiqalon, Gaat, Eqroonii fi Aawoti.
JOS 13:4 Gara kaabaatiin, lafa Kana'aanotaa duudi'ii fi qachaa Ara'aa ka worra Sidoonotaatii haga qachaa Afeqii ka meessaa Amoorotaa ti.
JOS 13:5 Akkasuma lafa Geblootaa, Libaanon gara aduun baatu duudii, Ba'aal-Gaadi gara kibba gaara Hermooniitiin haga karaa Haamaatii ti.
JOS 13:6 «Worra biyya koobittii keessa le'u Libaanonii haga Misrefot-Maayimiititti, worra Sidoonii duudii ani Israa'eloota duraa hin ari'a. Ati ammoo akkuma ani si ajaje lafa san Israa'elootaaf qoodi.
JOS 13:7 Lafa tanalle gosa sagalii fi gosa Minaase'ee gamisaaf dhaala akka te'u qoodi» jedhe.
JOS 13:8 Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gosi Minaase'ee gamisi kuun, lafa Muuseen tajaajilaan Waaqaa isaaniif kenne duraanuu fudhataneeran. Latti sun laga Yordaanosiitiin gara aduun baatu.
JOS 13:9 Latti isaanii Aro'erii qarqara dhooqa Aarnoniitii jalqaddee, qachaa wodhakkaa dhooqa san keessa jirtulle, lafa gooroo Medebaatii haga Diibonii,
JOS 13:10 qachoota Sihooniin mootiin Amoorotaa, Heshiboon keessa tee'ee bulchaa ture duudii, haga meessaa Amoonotaa,
JOS 13:11 Giil'aad irraa haga meessaa worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa, gaara Hermoonii duudii, Baashaan irraa haga Salekaahii,
JOS 13:12 lafa mootummaa Oogii mootii Baashaanii, ka baraaree worra Refaa'otaa, qachaa Ashitaarotiitii fi Edraayii keessa le'ee bulchaa turelle dabalatti. Muuseen worra kana duudii injifatee lafa isaanii keessaa isaan baase.
JOS 13:13 Teetuu malee Israa'elooti worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa lafa keessaa hin baanne; isaan haga ammaa Israa'eloota keessa le'an.
JOS 13:14 Akkuma Waaqi Muusee ajaje, ciincaan Goottaa Waaqa Israa'eliitiif addee ciinca'aa irratti ciinceffamu dhaala gosa Lewwi'ii waan te'eef, Muuseen sanyii Lewwi'iitiif lafa dhaalaa hin kennine.
JOS 13:15 Muuseen gosa Ruubeniitiif akka maatii maatii isaaniititti dhaala isaaniif kenne.
JOS 13:16 Latti isaanii Aro'erii qarqara dhooqa Aarnonii irraa qachaa wodhakkaa dhooqa san keessa jiruun haga lafa gooroo adaala Medeba'aa ti;
JOS 13:17 akkasuma Heshiboonii fi qachoota gooroo irraa mara: Diibon, Baamot-Ba'aal, Bet-Ba'aal-Me'on,
JOS 13:18 Yaahaz, Qedemoot, Mefaat,
JOS 13:19 Kiriiyat-Aayim, Siibmaa, Zeraat-sherhaar ka kooba dhooqa keessaa,
JOS 13:20 Bet-phe'or, goodda Phiisga'aa, Bet-Yeshiimoot,
JOS 13:21 qachoota gooroo irraa mara, lafa mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaa ka Heshiboon keessa le'ee bulchaa turee ti. Muuseen mooticha Sihoon, sooreyyii worra Miidiyaaniitii fi worra biyya san jiru Ewii, Reqem, Zuur, Huur, Rebaa worra Sihoon woliin jiru injifate. Worri kun duudiin Mooticha Sihooniin jalatti lafa bulchane.
JOS 13:22 Worra Israa'elooti ijjeesane keessaa tokko morticha Bala'aamii ilma Phe'orii ti.
JOS 13:23 Meessaan gosa Ruubenii gara aduun seentuun laga Yordaanosii ti. Qachootaa fi ollooti kun gosa Ruubeniitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa isaanii ti.
JOS 13:24 Latti Muuseen ammalle gosa Gaadiitiif akka maatii maatii isaaniititti dhaala kenne:
JOS 13:25 Lafa Yaazerii, qachoota Giil'aadii duudii, lafa Amoonotaa gamisa, haga Aro'erii lafa Raabaa irraa gara aduun baatu jirtu,
JOS 13:26 Heshiboon irraa haga Raamaat-Miispha'aatii fi Betoniimii, Mahanaayim irraa haga meessaa Deebirii,
JOS 13:27 dhooqa Yordaanosii keessa qachoota mootummaa Sihoonii mootii Heshibooniitiif hafane Bet-Haraam, Bet-Niimraa, Suukootii fi Zaafon. Meessaan qachoota kanaa gara aduun seentuun laga Yordaanosii yennaa te'u, gara kaabaatiin haga Abbaayaa Galiila'aa ti.
JOS 13:28 Qachootaa fi ollooti kun gosa Gaadiitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa isaaniif kenname.
JOS 13:29 Muuseen gosa Minaase'ee gamisaaf akka maatii maatii isaaniititti lafa isaanii kenne.
JOS 13:30 Latti isaanii Mahanaayimii haga lafa mootummaa Oogii mootii Baashaanii, Baashaan duudii, qachoota jaatama ka Yaa'iirii lafa Baashaanii keessa jiru mara,
JOS 13:31 lafa Giil'aadii gamisa, Ashitaarotii fi Edraayii qachoota Oog mootii Baashaanii ti. Qachooti kun duudiin ka Maakiirii ilma Minaase'ee te'anee, gamisa ilmaan Maakiiriitiif akka maatii maatii isaaniititti isaaniif kennamane.
JOS 13:32 Muuseen Yerikoo gara aduun baatuun Yordaanosiin gama, dirree Mo'aabii yennaa jiru, latti inni isaanii qoode tana.
JOS 13:33 Goottaan Waaqi Israa'elii akkuma isaanii waadaa gale, inninuu lafa isaanii waan te'eef, Muuseen gosa Lewwi'iitiif lafa hin kennine.
JOS 14:1 Latti Kana'aanii ta Yordaanos irraa gara seensa adu'uu ta hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosoota Israa'elii, Israa'elootaaf qoodde ta asii gad jirtu.
JOS 14:2 Lafa san akka Waaqi Muusee ajajetti laga Yordaanosiitiin gara seensa adu'uu gosa sagalii fi gosa gamisaaf hixaa buusanee qoodane.
JOS 14:3 Muuseen lafa laga Yordaanosiitiin gara aduun baatuu gosa lamaa fi gamisa gosaatiif kenneeraayyu. Gosa Lewwi'iitiif ammoo lafa hin kennine.
JOS 14:4 Ilmaan Yoseefii, Minaase'ee fi Efreem gosa lama te'ane; gosa Lewwi'iitiif ammoo qachoota keessa le'anuu fi lafa horii itti bobbaafatanu malee, latti isaaniif hin kennanne.
JOS 14:5 Israa'elooti akkuma Waaqi Muusee ajajetti lafa san qoodamane.
JOS 14:6 Gaafa tokko gosa Yihuda'aa keessaa namooti Giilgalitti gara Iyaasu'uu dhufane. Isaan keessaa tokko Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Iyaasu'uun, «Waan Waaqi Qaadesh-Barne'aatti marroo teetii fi tiyya Muusee nama Waaqaatitti dubbate hin beetta.
JOS 14:7 Yennaa Muuseen tajaajilaan Waaqaa, Qaadesh-Barne'aa gara Kana'aanii dhaqee akka dooyuuf na erge, ani nama woggaa afurtamaa ti; ani deebi'ee gabaassa addachiisaa isatti himeera.
JOS 14:8 Namooti na woliin dooyiisa dhaqane kolbaa teenna sodaachisanee sheephisiisane; ani ammoo Goottaa Waaqa kiyyaaf addatamumma'aan ajajameera.
JOS 14:9 Gaafuma san Muuseen, ‹Goottaa Waaqa kiyya gadhaa keeti tokkochaan waan hordotteef, latti ati irra ijjattu bara baraan si'ii fi ijoollee teetiif teeti› jedhee waadaa naaf galeera.
JOS 14:10 «Amma kunoo, Waaqi akkuma woggaa afurtamii shaniin dura Israa'elooti goomolee keessa deemiisatti adoo jiranuu Muuse'etti dubbate eegee na jiraachiseera. Amma ani nama woggaa saddeettamii shanii ti.
JOS 14:11 Ani akkuma gaafa Muuseen na erge sanii jaba'a. Ani adhalle loliisaaf, bayiisaa fi galiisaafille akkuma durii jaba'a.
JOS 14:12 Amma yoona, biyya koobittii Waaqi gaafa san waadaa naaf gale naa kenni. Worri Aanaaqotaa bibbineeyyiin akka achi jiranu, qachooti isaaniille dalleya dhaka'aa jabaa akka qabu dhageetteerta. Ammoo Waaqi yoo na qarqaare akkuma inni jedhe ani achi keessaa isaan hin baasa» jedhe.
JOS 14:13 Iyaasuun, Kaalebii ilma Yofunee eebbisee qachaa Kebroonii lafa isaa godhe kenneef.
JOS 14:14 Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif gadhaa tokkoon waan ajajameef, qachaan Kebroonii haga adhaa lafa sanyii isaa te'e.
JOS 14:15 Maqaan qachaa Kebroonii dur, «kiriiyat-Arbaa» jedhama; «Arbaa» ka jedhamu kun worra Aanaaqotaa keessaa nama guddaa ture. Achiin duuba latti nageya dhaggatte.
JOS 15:1 Gosa Yihuda'aatiif akka maatii maatii isaaniititti latti haga lafa meessaa Edoomii, gara goomolee Ziiniitiin haga dhuma meessaa kibbaa jirtu kennanteef.
JOS 15:2 Meessaan Yihuda'aa ka kibbaa dhuma kibba Abbaayaa Sooddaa irraa jalqabee,
JOS 15:3 Qiiqqee makkaatiin gara Ziiniititti dabaree, Qaadesh-Barne'aa irraa gara kibbaatitti deemee, Hezronitti dabaree haga Hadarii geyee, gara Qarqa'aa deebi'a.
JOS 15:4 Gara Azmooniille dabaree haga laga Gibxi'ii deemee, Abbaayaa Mediteraaniya'aa geyee dhaabbatta. Meessaan gosa Yihuda'aa gara kibbaatiin kana.
JOS 15:5 Karaa aduun baatuun meessaan lafa isaanii dhuma Abbaayaa Sooddaa irraa ka'ee, haga dhuma laga Yordaanosii ti. Meessaan gara kaabaa, hullufa Abbaaya'aa dhuma laga Yordaanosii irraa jalqabee,
JOS 15:6 gara Bet-Hoglaa ol dhaqee kaaba Bet-Arabaa irra bayee, haga dhakaa Bohanii ilma Ruubenii deema.
JOS 15:7 Akkasuma dhooqa Akorii irraa haga Deebirii dhaqee, karaa kaabaatiin gara Giilgalii kibba fuullee Adumiimii dhooqa Akorii irraa gara kibbaa dhaggantutti deebi'a. Ittille dabalee laga En-Shemeshii irra bayee laga En-Rogeeliititti dhaabbata.
JOS 15:8 Achiin duuba meessaan kun dhooqa ilma Hiinomii keessa bayee gara goodda kibbaatiin, qachaa Yibusootaa Yerusaalemiin baya; achii ka'ee kooba Hiinomii irraa gara aduun baatuu gubbaa bayee, haga dhuma kaaba dhooqa Refaamii ti.
JOS 15:9 Kanaan duuba gubbaa koobaa irraa gara laga Nefto'aa, achi irraa gara qachoota gaara Eferonii bira dhufee gara Baalaa ka Kiriiyat-Ya'ariim jedhamuutitti deebi'a.
JOS 15:10 Baalaa irraa gara aduun seentuun gara kooba Se'iirii marfata; gara kaabaatiin goodda gaara Ya'ariimii ka Kesaalon jedhamu irraa gara Bet-shemeshii dhaqee Tiimna'atti dabara.
JOS 15:11 Gara kaabaatille'een gara goodda Eqroonii dhaqee gara Shiqeroonii deebi'ee, gara gaara Baalaa dabaree Yaabnel dhaqee, Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata.
JOS 15:12 Meessaan gara aduun seentuu irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa ti. Kolbaan Yihuda'aa akka maatii maatii isi'iititti meessaa kana keessa leete.
JOS 15:13 Akkuma Waaqi ajaje Iyaasuun, lafa kolbaa Yihuda'aa keessaa kiriiyat-Arbaa ta «Kebroon» jedhantu, Kaalebii ilma Yofune'eetiif kenne. Arbaan abbaa Aanaaqotaa ti.
JOS 15:14 Kaaleb sanyii Aanaaqota sad Sheshaay, Ahimaanii fi Talmaayin Kebroon keessaa ari'e.
JOS 15:15 Achii ka'ee worra Deebir keessa le'u loliisaaf dhaqe.
JOS 15:16 Kaaleb, «Nama qachaa Seferii lolee qabatuuf intala tiyya ta ‹Aksaa› jedhantu isa hin heerumsiisa» jedhe.
JOS 15:17 Otnii'el ilmi Qenazii obboleessi Kaalebii qachaa san lolee qabate; Kaalebille intala ifii Aksaa isa heerumsiise.
JOS 15:18 Otnii'el gaafa fuudhaa fi heeruma isaanii akka isiin abbaa ifii irraa fichaa gaafattu itti gorse. Yennaa isiin harree irraa baatee Kaaleb, «Maan feeta?» jedhee isii gaafate.
JOS 15:19 Isiin deebittee, «Latti ati naaf kennite biyya gammoojji'ii keessa waan teeteef, baleessa bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb baleessa bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef.
JOS 15:20 Latti gosi Yihuda'aa akka maatii maatii isaaniititti fudhatane ta asii gad jirtu.
JOS 15:21 Qachooti gosa Yihuda'aa gara kibbaatiin dhuma meessaa Edoomiititti aananee jiranu, Kabze'el, Eder, Yaagur,
JOS 15:22 Qiinaa, Diimonaa, Araadaa,
JOS 15:23 Qedeesh, Hazoor, Iitnaan,
JOS 15:24 Ziif, Telem, Ba'aalot,
JOS 15:25 Hazoor-Hadootaa, Keriyot-hezron kun «Hazoor» jechu'u;
JOS 15:26 Amaam, Shemaa, Molaadaa,
JOS 15:27 Hazaar-Gadaa, Heshimon, Bet-phaalex,
JOS 15:28 Hazaar-shu'aal, Bersheebaa, Biziyutiiyaa,
JOS 15:29 Ba'aalaa, Eyim, Azem,
JOS 15:30 Eltolaad, Kesil, Hormaa,
JOS 15:31 Siiqlaag, Madmaanaa, Sansanaa,
JOS 15:32 Lebaa'ot, Shilhim, En-Rimoon; wolumatti qachoota gugurdaa diddamii sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:33 Qachooti gugurdaan kooba jalaa Eshtaa'ol, Zoraa, Ashnaa,
JOS 15:34 Zaano'aa, En-Gaaniim, Taafu'aa, Enaam,
JOS 15:35 Yarmuut, Adulaam, Sokoo, Aazeqaa,
JOS 15:36 Sha'araayim, Adiitaayim, Gederaa, Gederotaayim, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii afurii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:37 Akkasuma Zenaan, Hadashaa, Migdaal-Gaadi,
JOS 15:38 Dil'aan, Miisphaa, Yaaktii'el,
JOS 15:39 Laakiishi, Bozqaat, Egloon,
JOS 15:40 Kaabon, Lamaas, Kiitliishi,
JOS 15:41 Gederot, Bet-Daagon, Na'aamaa fi Maakedaa, wolumatti qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:42 Akkasuma Liibnaa, Eter, Ashaan,
JOS 15:43 Yiftaa, Ashnaa, Neziib,
JOS 15:44 Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa, wolumatti qachoota gugurdaa sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:45 Eqroon, qachootaa fi olloota ifii woliin;
JOS 15:46 Qachoota Ashoodi biraa duudii, ka Eqroon irraa haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu, qachoota gugurda'aa fi olloota adaala isaanii woliin;
JOS 15:47 Ashidoodii fi Gaazaa, qachootaa fi olloota isaanii woliin haga meessaa laga Gibxi'iitii fi irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa.
JOS 15:48 Biyya koobittii keessa Shaamiir, Yaatiir, Sokoo,
JOS 15:49 Daanaa, Kiriiyat-Sanaa ka «Deebir» jedhamu,
JOS 15:50 Anaab, Eshtemo'aa, Aniim,
JOS 15:51 Gooshen, Holoonii fi Giloo, qachoota kudha tokkoo fi qachoota adaala sanii wolitti qabata.
JOS 15:52 Araba, Dumaa, Esh'an,
JOS 15:53 Yaanum, Bet-taafu'aa, Afeqaa,
JOS 15:54 Humtaa, Kiriiyaat-araba ta Hebroon jedhantu, Zi'or qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:55 Maa'on, Qarmelos, Ziif, Yutaa,
JOS 15:56 Yizre'el, Yarke'am, Zaano'aa,
JOS 15:57 Qaayin, Giibe'aa fi Tiimnaa, qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:58 Halhul, Bet-Zuur, Gedoor,
JOS 15:59 Maaraat, Bet-Anoot, Elteqon, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:60 Kiriiyaa-Ba'aal ka «Kiriiyat-Ya'ariim» jedhamu, Raabaa, qachoota gugurdaa lamaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:61 Goomolee keessa ammoo Bet-Arabaa, Mediin, Sekaakaa,
JOS 15:62 Nibishaan, qachoota gugurdaa sooddaa fi En-Gedii, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
JOS 15:63 Kolbaan Yihuda'aa ammoo Yibusoota Yerusaalem keessa le'anu ari'uu hin dandeenne. Worri Yibusootaa haga ammaa Yerusaalem keessa jiran.
JOS 16:1 Meessaan lafa sanyii Yoseefiitiif kenname gara kibbaatiin laga Yordaanosii cinaa Yeriko'oo, madda Yeriko'oo ka gara aduun baatuutii ka'ee, gara goomole'ee dhaqee haga lafa koobittii Bet'eliititti deema.
JOS 16:2 Bet'elii ka'ee gara Luzii dhaqee, addee Arkaawoti le'anu Ataaroot-Adaaritti dabara.
JOS 16:3 Achiin duuba gara aduun seentuun lafa Yaaflexootaatitti goree, cinaa Bet-horoonii jalaatiin dabaree, gara Gezerii dabaree Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata.
JOS 16:4 Sanyiin Yoseefii, gosi Efreemiitii fi Minaase'ee lafa ifii fudhatane.
JOS 16:5 Latti gosi Efreemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana: meessaan isaanii gara aduun baatu Ataarot-Adaar irraa haga Bet-Horoonii gaara irraa deemee,
JOS 16:6 haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa ti. Gara kaabaatiin meessaan isaanii Mikmaata'a. Achille'ee gara aduun baatuun Taanaat-Shiilo'otti deebi'ee, gara aduun baatu Yaano'atti dabara.
JOS 16:7 Achiin duuba Yaano'aa irraa gara Ataarotii fi Na'aaratitti gad deemee, Yerikoo geyee Yordaanositti dhaabbata.
JOS 16:8 Taafu'aa irraa ka'ee gara aduun seentuun laga Qaanaa dhaqee, Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Latti gosa Efreemiitiif akka maatii maatii isaaniititti kennante tana.
JOS 16:9 Tunille qachootaa fi olloota lafa gosa Minaase'ee keessaa, ta gosa Efreemiitiif kennante dabalatti.
JOS 16:10 Worri Efreemotaa ammoo worra Kana'aanotaa ka Gezer keessa le'anu achii ari'iisa hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa haga adhaalle odduu isaanii le'aa akka garbootaa akka isaaniif hujanu hunnaan tolfamane.
JOS 17:1 Gosi Minaasee ilma Yoseefiif angafichaa, sanyiin Maakiirii ilma angaficha Minaasee abbaa Giil'aadotaa, lolaan jajjaboo waan te'aneef, latti Giil'aadiitii fi Baashaanii isaaniif kennante.
JOS 17:2 Latti gara aduun seentuu maatii Minaase'ee worra hafeef, Abii'ezer, Helek, Asrii'el, Sheekem, Heferii fi Shemeda'aa kennante. Isaan kun sooreyyii maatii ilmaan sanyii Minaasee ilma Yoseefii ti.
JOS 17:3 Zelofehaad ilma Heferii ti; Hefer ilma Giil'aadii ti; Giil'aad ilma Maakiirii ti; Maakiir ilma Minaase'ee ti. Zelofehaad durra malee, ilmaan hin qabu. Maqaan isaaniille Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a.
JOS 17:4 Isaan gara hayyicha Ele'azaarii, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyi'ii dhaqanee, «Muuseen akka obboleeyyan teenna ta firaatitti, lafa akka nuuf kennu Waaqi isa ajajeera» jedhane. Tanaaf akka Waaqi ajajetti isaan obboleeyyan firaa woliin lafa fudhatane.
JOS 17:5 Sababi Minaaseen lafa Baashaaniitii fi Giil'aadii ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatu jirtutti dabalatee qooda kudhan fudhateef,
JOS 17:6 dubartooti sanyii isaa akkuma sanyii ilmaan dhiiraa lafa waan fudhatteef, latti Giil'aadii sanyii Minaase'eetiif kennante.
JOS 17:7 Latti Minaase'ee Asheerii kaatee, haga Mikmaataatii ta Sheekem irraa gara aduun baatuu ti. Achiin duuba meessaan gara kibbaa deemee kolbaa En-Taafu'aa keessa leetu dabalata.
JOS 17:8 Latti adaala Taafu'aa ta Minaase'ee teetee, qachaan Taafu'aa ka meessaa irra jiru ammoo ka sanyii Efreemii te'e.
JOS 17:9 Achiin duuba meessaan haga laga Qaana'aa gad bu'a. Qachooti laga san irraa gara kibbaatitti dhaggamanu, biyya Minaase'ee keessa te'ulle ka Efreemii ti. Meessaan Minaase'ee gara kaaba lagaa dhaqee Abbaayaa Gudditti'itti dhaabbata.
JOS 17:10 Meessaan isaanii gara aduun seentuun abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee, latti gara kibbaa ta Efreemii, ta gara kaabaa ta Minaase'ee ti. Meessaan gara kaabaa lafa Asheeriititti dhaabbata; gara aduun baatuun lafa Yisaakoriititti dhaabbata.
JOS 17:11 Biyyi Yisaakorii fi Asheer keessaa Bet-Shaanii fi ollooti isi'ii, Yible'aamii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Dooriitii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Endooriitii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Ta'anaatii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Megidootii fi ollooti isi'ii duudiin ka Minaase'ee te'ane.
JOS 17:12 Teetuu malee kolbaan Minaase'ee qachoota san qabatuu hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa achuma keessa le'ane.
JOS 17:13 Israa'elooti jajjaboo te'anulle, Kana'aanoti akka hunnaan isaaniif hujanu godhane malee, ijjumaa lafa sanii isaan hin ariine.
JOS 17:14 Sanyiin Yoseefii, Iyaasu'uun, «Waaqi waan nu eebbiseef, nuuti heddu'u; ati maaf qooda tokko callaa nuuf kennite?» jedhane.
JOS 17:15 Iyaasuun deebisee, «Isin hedduu eega teetane, biyyi koobittiin Efreemii yoo isinitti dhiphatte, gara lafa Pheriizotaatii fi Refaa'otaa dhaqa'aatii gongomaa anadha'a» jedheen.
JOS 17:16 Isaan deebisanee, «Latti koobittiin sun nu hin geettu; Kana'aanoti lafa dirree irra le'anuu fi worri Bet-Shaanii fi ollooti adaala sanii ka dhooqa Yizre'elii keessa le'anu ammoo garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qaban» jedhane.
JOS 17:17 Iyaasuun gosa Efreemiitii fi gosa Minaase'ee ka gara aduun seentu jiranuun, «Isin dhugumaan heddu'u; guddoo jajjaboole'e. Qoodi tokko callaan isin hin gewu.
JOS 17:18 Tanaaf biyyi koobittiin teessan hin teeti. Koobi sun gongomaa teetulle anadha'aatii, qacce'ee jalqabaatii haga qaccee dhumaatitti lafa teessan godhadha'a. Worri Kana'aanotaa garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qabaatee, jajjaboo te'ulle isin isaan hin ariitan» jedhe.
JOS 18:1 Israa'elooti injifatanee lafa qabataneen duuba, wolde'i gumii Israa'elii duudiin Shiilo'otti wolitti qabamee, dunkaana itti Waaqa wolde'anu dhaabane.
JOS 18:2 Kolbaa Israa'elii keessaa gosi torba haga ammaalle qooda lafa ifii ka hin dhaggatin jiraniiyyu.
JOS 18:3 Maarre Iyaasuun kolbaa Israa'eliitiin, «Lafa Goottaan Waaqi abbootii teessanii isiniif kenne seentanee qabatiisaaf haga yoomii eeddan?
JOS 18:4 Gosa duudii keessaa nama sad sad naa fila'a. Isaan dhaqanee biyya keessa deddeebi'anee, lafa gosi isaanii qoodamu'uu malte ilaalanee akka gara kiyya deebi'anu hin erga.
JOS 18:5 Isaan lafa san addee torbatti qoodan. Worri Yihuda'aa lafa ifii ta kibbaa keessa, worri Yoseefiille lafa ifii ta kaabaa keessa le'an.
JOS 18:6 Latti torba sun maan akka fakkaattu barreessa'aatii naa fida'a. Ani Goottaa Waaqa keenna duratti hixaa isiniif buusa.
JOS 18:7 Te'uu malee worri Lewwi'ii qoodi isaanii hayyoota te'anee Waaqa tajaajiliisa waan te'eef, isin keessaa isaan qooda lafaa hin dhaggatanu. Gosi Gaadii, Ruubenii fi gamisi gosa Minaase'ee, lafa ifii ta Muuseen tajaajilaan Waaqaa isaaniif kenne ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatuu duruu fudhataneeran» jedhe.
JOS 18:8 Namooti lafa qorqoriisaaf adoo hin deeminiin dura, Iyaasuun, «Gara lafa duudi'ii dhaqa'aa ilaala'aatii, maan akka fakkaattu barreessa'aatii gara kiyya deebi'a'a. Anille Waaqa duratti as Shiilo'otti hixaa isiniif buusee hin qooda» jedhe.
JOS 18:9 Maarre namooti lafa duudii dhaqanee, qachoota galmeessanee lafa addee torbatti attam akka qoodane barreeffamaan keyane. Achiin duuba quttuma Shiilo'ootitti gara Iyaasu'uu deebi'ane.
JOS 18:10 Iyaasuun Waaqa duratti hixaa isaaniif buuse. Worra Israa'elii ka hafanelle'eef akka gosa gosa isaaniititti lafa qoode.
JOS 18:11 Hixaan duraa akka maatii maatii isaaniititti gosa Beniyaaminiif bu'e; latti isaanii wodhakkaa gosa Yihuda'aatii fi Yoseefii ti.
JOS 18:12 Gara kaabaatiin meessaan isaanii laga Yordaanosiitii ka'ee, gara goodda kaaba Yeriko'oo ol bayee, karaa aduun seentu biyya koobitti'iin haga goomolee Bet-Aweenii ti.
JOS 18:13 Achii ka'ee gara goodda kibba Luzii ka «Bet'el» jedhamu dhaqee, gaara kibba Bet-horoonii jalaa irra bayee, gara Ataarot-adaariititti gad bu'a.
JOS 18:14 Achiin duuba karaa dhibi'iin gaaruma kana gara aduun seentuun gara kibbaa deebi'ee, gara qachaa gosa Yihuda'aa Kiriiyat-Ba'aaliik ka Kiriiyat-Ya'ariim jedhamuu deema. Meessaan gara aduun seentuu kana.
JOS 18:15 Meessaan gara kibbaa irga Kiriiyat-Ya'ariimii irraa jalqabee karaa aduun seentu gara madda Nefto'aatitti deema.
JOS 18:16 Meessaan sun gara gaara jalaa ka fuullee dhooqa Ben-henoomii irga dhooqa dhuma kaaba Refaa'otaatitti gad bu'a. Achii ka'ee gara qachaa dhooqa Hiinomii gad bu'ee, gara kibba goodda qachaa Yibusootaa dhaqee, gara En-Rogeelii deema.
JOS 18:17 Achiin duuba kaabatti deebi'ee karaa En-Shemeshiitiin, Geliilotii fuullee Abdumiimii irra bayee, gara dhakaa Bohanii ilma Ruubeniititti gad bu'a.
JOS 18:18 Gara kaabaatiin goodda dhuma fuullee dhooqa laga Yordaanosiititti gad bu'ee,
JOS 18:19 gara kaabaatiin dhuma Bet-Hoglaa irra bayee, addee lagi Yordaanosii itti dhumatu kaaba hullufa Abbaayaa Sooddaatitti dhaabbata. Meessaan kibbaa kana.
JOS 18:20 Meessaan gara aduun baatuu laga Yordaanosii ti. Meessaan maatiin gosa Beniyaaminii akka lafa ifiititti fudhatte kana.
JOS 18:21 Qachooti maatiin gosa Beniyaamii fudhatte Yerikoo, Bet-Hoglaa, Emek-Keziiz,
JOS 18:22 Bet-Arabaa, Zemaaraayim, Bet'el
JOS 18:23 Awiim, Faaraa, Ofraa,
JOS 18:24 Kefaar-Amoonii, Ofnii fi Geba'a: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala isaanii ti.
JOS 18:25 Akkasuma Giibe'on, Raamaa, Be'erot
JOS 18:26 Miisphaa, Kefiiraa, Mozaa,
JOS 18:27 Reqem, Irphii'el, Taraalaa,
JOS 18:28 Zelaa, Eeleef, qachaa worra Yibusootaa, Giibe'aa fi Kiriiyat-Ya'ariim: qachooti gugurdaan kudha afurii fi qachooti adaala sanii ka maatii gosa Beniyaamii akka lafa ifiititti fudhatte kana.
JOS 19:1 Hixaan lammeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Shimi'ooniitiif bu'e. Latti isaanii haga lafa gosa Yihuda'aatiif kennantee gara keessaa seenteerti.
JOS 19:2 Tunille Bersheebaa, Shemaa, Molaadaa,
JOS 19:3 Hazaar-Shu'aal, Baalaa, Azem,
JOS 19:4 Eltolaad, Bet-Hul, Hormaa,
JOS 19:5 Siiqlaag, Bet-Markaboot, Hazaar-Susaa,
JOS 19:6 Bet-Labaa'otii fi Shiruheen: qachoota gugurdaa kudha sadii fi qachoota adaala sanii ti.
JOS 19:7 Ammalle Aayin, Rimoon, Taakaan, Eter fi Ashaan: qachoota gugurdaa afurii fi qachoota adaala sanii ti.
JOS 19:8 Kun qachoota adaala qachoota gugurdaa kanaa ka Ba'alaat-Be'erii irraa gara kibbaa jiru mara dabalata. Latti gosi Shimi'oonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana.
JOS 19:9 Latti gosa Yihuda'aatiif kennante haga isaaniif barbaachittu caalaa waan badhatteef, lafa isaanii irraa gosa Shimi'ooniitiif kennante.
JOS 19:10 Hixaan sadeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Zebulooniitiif bu'e. Latti isaan fudhatane haga Saariidititti deenti.
JOS 19:11 Meessaan isaanii karaa aduun seentuu gara Maaraalaa dhaqee, Dabesheetii fi laga Yaakne'aamii gara aduun baatuu tuqa.
JOS 19:12 Karaa dhibi'iin Saariid irraa gara aduun baatuu deebi'ee, haga meessaa Kislot-Taaborititti deemee, haga Daabera'aatii fi Yaafii'aa dhaqa.
JOS 19:13 Achille'ee karaa aduun baatutti gara Gaat-Heferii fi Iit-Kaaziinii deemee, gara Rimoona'aa dhaqee Ne'aahititti deebi'a.
JOS 19:14 Gara kaabaatiin Hanaatonitti deebi'ee, dhooqa Yiftaa-Elitti dhaabbata.
JOS 19:15 Kunille Kataat, Naahaalal, Shimroon, Yiiraalaa fi Betlihem: qachoota gugurdaa kudha lamaa fi qachoota adaala san jiru dabalata.
JOS 19:16 Qachoota gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Zebuloonii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
JOS 19:17 Hixaan arfeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Yisaakoriitiif bu'e.
JOS 19:18 Latti isaanii Yizre'el, Kesuloot, Shuneem,
JOS 19:19 Haafara'iim, Shi'on, Anaharaati,
JOS 19:20 Rabit, Qiishon, Ebez,
JOS 19:21 Remet, En-Gaaniim, En-Hadiidii fi Bet-Phaazez.
JOS 19:22 Meessaan kun ammalle Taabor, Shaziima'aa fi Bet-shemeshi tuqee, laga Yordaanosiititti dhaabbata. Kunille qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala sanii dabalata.
JOS 19:23 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Yisaakorii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
JOS 19:24 Hixaan shaneesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Asheeriitiif bu'e.
JOS 19:25 Latti isaanii Helqaat, Haalii, Beteen, Akshaaf,
JOS 19:26 Alaamelek, Amaadii fi Miishaal; karaa aduun seentuun Qarmelii fi Shiihor-Liibnaat tuqa.
JOS 19:27 Achii ka'ee karaa aduun baatu deebi'ee gara Bet-daagonii dhaqee, karaa kaaba Bet-emekiitii fi Nii'eliitiin Zebuloonii fi dhooqa Yiftaa-Elitti tuqa. Achii ka'ee gara kaaba Kaabulii,
JOS 19:28 Abdoonii, Rehoobii, Haamonii fi Qaana'aa dhaqee haga Sidoonaa gudditti'ii deema.
JOS 19:29 Achiin duuba meessaan gara Raama'aa deebi'ee haga qachaa Xiiroosii ka dalleya dhaka'aa qabuu ti; achille'ee gara Hosaahii deebi'ee Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Kunille Maahilaa, Akziib,
JOS 19:30 Umaa, Afeqii fi Rehoob: qachoota gugurdaa diddamii lamaa fi qachoota adaala sanii dabalata.
JOS 19:31 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Asheerii akka maatii maatii isaanitti fudhatane keessa jiran.
JOS 19:32 Hixaan jayeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Niftaalemiitiif bu'e.
JOS 19:33 Meessaan isaanii Helefii ka'ee haga qilxaa Zaa'anaaniim jiruu deemee, Adaamii-Neqebnii fi Yaabnii'el irra bayee haga Laquumii geyee laga Yordaanosiititti dhaabbata.
JOS 19:34 Achiin duuba gara aduun seentuun Aaznot-taaboriitti deebi'ee, gara Hoqonii deemee, gara kibbaatiin Zebuloon, gara aduun seentuun Asheer, gara aduun baatuun laga Yordaanosii tuqa.
JOS 19:35 Qachooti gugurdaan dalleya dhaka'aa qabanu Ziidiim, Zer, Haamaat, Raaqaat, Keneret,
JOS 19:36 Aadaamaa, Raamaa, Hazoor,
JOS 19:37 Qedeesh, Edraayi, En-Hazoor,
JOS 19:38 Yiroon, Migdaal-El, Horeem, Bet-anaatii fi Bet-shemeshi: qachoota gugurdaa kudhanii sagalii fi qachoota adaala sanii ti.
JOS 19:39 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Niftaalemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
JOS 19:40 Hixaan torbeesso'oo akka maatii maatii isaaniititti gosa Daaniitiif bu'e.
JOS 19:41 Latti isaanii Zoraa, Eshtaa'ol, Iir-Shemesh,
JOS 19:42 Sha'aalbiim, Ayalon, Iitlaa,
JOS 19:43 Eloon, Tiimnaa, Eqroon,
JOS 19:44 Elteqee, Giibetoon, Ba'aalaati,
JOS 19:45 Yehud, Azor Bene-Beraaq, Gaat-Rimoon,
JOS 19:46 Miiyaarqon, Raaqonii fi lafa fuullee Yophe'ee ti.
JOS 19:47 Kolbaa Daanii irraa latti yennaa fudhatante, gara biyya Laashemii dhaqanee lolanee, worra achi keessa le'u fixanee qachaa san qabatanee, ka ifii godhatane. Isaan achi qubatanee maqaa qachaa Laashemii jijjiiranee maqaa Abbaa ifii duriitiin, «Daan» jedhanee moggaasane.
JOS 19:48 Qachooti gugurda'aa fi qachooti kun lafa gosi Daanii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane keessa jiran.
JOS 19:49 Kolbaan Israa'elii lafa qoodanee yennaa fixane, Iyaasuu ilma Nuniitiifille lafa kennane
JOS 19:50 Akkuma Waaqi ajajetti qachaa Tiimnat-Seraa ka biyya koobittii Efreemii keessa ka Iyaasuun fudhatiisaaf gaafate, kennaneef. Inni achitti qachaa guddicha deebisee ijaaree itti qubate.
JOS 19:51 Hayyichi Ele'azaar, Iyaasuun ilmi Nuniitii fi sooreyyiin maatii gosa kolbaa Israa'elii Shiilo'otti fuula Waaqaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa duratti lafa tana hixaa buusanee qoodane. Isaan akka kanaan lafa qoodanee fixane.
JOS 20:1 Achiin duuba Waaqi Iyaasu'uun,
JOS 20:2 «Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Ani akkuma karaa Muuse'eetiin isin ajajetti qachaa itti baqatanu fila'a.
JOS 20:3 Nami tokko adoo hin beekin danu'uun nama yoo ijjeese, nama haluu bayiisaaf isa barbaadu jalaa achi baqata.
JOS 20:4 Inni qachoota san keessaa gara tokkootitti yennaa baqatu, seensuma karra qachaa sanii dura dhaabbatee haajaa ifii jaarsolee qachaa saniititti himata. Achiin duuba akka inni qachaa san seenu eeyyamanee, addee inni le'u kennan; maarre inni achi keessa le'a.
JOS 20:5 Nami isa haluu bayiisaaf barbaadu sun yoo hordofe, nami nama ijjeese sun adoo hin beekin danu'uun waan ijjeeseef, worri qachaa sanii nama haluu isa bayiisaaf barbaadutti dabarsee kennuu hin qabu.
JOS 20:6 Nami nama ijjeese sun mura'aaf kolbaa duratti haga dhikaatuu fi hayyichi guddaan bara sanii haga du'utti qachaa san keessa turuu ti. Achiin duuba gara qachaa keessaa baqatee deebi'ee mana ifiititti galuu ti› jedhi» jedhe.
JOS 20:7 Maarre Israa'elooti Qedeeshii Galiilaa keessaa, biyya koobittii Niftaalem keessaa, Sheekemii biyya koobittii Efreemii keessaa, kiriiyat-Arbaa ta amma Hebroon jedhantu ta biyya koobittii Yihuda'aa keessaa filane.
JOS 20:8 Laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuun, Bezerii fuullee Yeriko'oo lafa gooroo goomolee biyya gosa Ruuben keessaa, Raamoot ta Giil'aadii biyya Minaase'ee keessaa, Golaan ta Baashaanii biyya Minaasee keessaalle filane.
JOS 20:9 Kolbaa Israa'eliitii fi orma odduu isaanii le'u maraaf qachaan akka itti baqatanuuf filame kana. Eennulle adoo hin beekin danu'uun nama yoo ijjeese, nama haluu isa bayiisaaf barbaadu jalaa achi baqata; eennulle adoo kolbaa duratti qara itti hin muramin hin ijjeefamu.
JOS 21:1 Sooreyyiin maatii Lewwootaa gara hayyicha Ele'azaarii, gara Iyaasuu ilma Nuniitii fi gara sooreyyii maatii kolbaa Israa'elii duudi'ii dhaqane.
JOS 21:2 Kana'aan keessa qachaa Shiilo'ootitti isaaniin, «Qachooti keessa leenuu fi adaala sanitti lafa horii keenna itti tiffannulle akka nu'uuf kennamanu Waaqi karaa Muuse'eetiin ajajeera» jedhane.
JOS 21:3 Tanaaf kolbaan Israa'elii akkuma Waaqi ajajetti gosa Lewwi'iitiif qachootaa fi lafa horii itti tiffatanu lafa ifii keessaa kennaneef.
JOS 21:4 Hixaan matoomaa maatii Qehaatotaatiif bu'e. Gosa Lewwi'ii keessaa sanyii hayyicha Aaroniitiif qachoota kudhanii sad lafa gosa Yihuda'aa, gosa Shimi'ooniitii fi gosa Beniyaamii keessaa kennameef.
JOS 21:5 Fira Qehaatotaa worra hafeef qachoota lafa gosa Efreemii keessaa, gosa Daanii keessaa, gamisa gosa Minaase'ee gara aduun seentuu keessalle'ee qachooti kudhan kennameef.
JOS 21:6 Fira Gerishoniitiif lafa biyya Yisaakor, Aheer, Niftaalemii fi gamisa gosa Minaase'ee ta Baashaan keessaatiif qachooti kudha sad kennameef.
JOS 21:7 Fira Meraariitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa Ruubenii, Gaadiitiif fi Zebuloonii keessaa qachooti kudhanii lama kennameef.
JOS 21:8 Kolbaan Israa'elii akkuma Waaqi karaa Muuse'eetiin isaan ajajetti, hixaa buusanee qachoota kanaa fi lafa isaan horii itti tiffatanu gosa Lewwi'iitiif kennane.
JOS 21:9 Lafa gosa Yihuda'aatii fi Shimi'oon keessaa qachoota maqaan isaanii asii gad jiru kennaneef.
JOS 21:10 Hixaan matoomaa sanyii Aaronii fira Qehaatotaa, gosa Lewwi'iitiif waan bu'eef isaanii kenname.
JOS 21:11 Qachaa biyya koobittii kiriiyat-Arbaa ka «Kebroon» jedhamu, lafa tikaa ta adaala san jirtu woliin kennaneef.
JOS 21:12 Teetuu malee fichaan qachoota gugurda'aatii fi qachoota adaala sanii Kaalebii ilma Yofune'eetiif akka lafa isaatitti kennamaneef.
JOS 21:13 Sanyii hayyicha Aaroniitiif, qachaa nami nama ijjeese itti baqatu keessa tokko ka te'e Kebroonitti dabalanee, Liibnaa lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:14 Yaatiir lafa horii itti tiffatanu woliin, Eshtemo'aa lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:15 Holoon lafa horii itti tiffatanu woliin, Deebirin lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:16 Ay'eeniin lafa horii itti tiffatanu woliin, Yutaahaa fi Bet-Shemeshin lafa horii itti tiffatanu woliin: gosa Yihuda'aatii fi Simoonii keessaa qachoota gugurdaa sagal kennane.
JOS 21:17 Lafa Beniyaamii keessaa qachoota gugurdaa afur: Giibe'on lafa horii itti tiffatanu woliin, Gebaasin lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:18 Anaatoti lafa horii itti tiffatanu woliin, Almoonin lafa horii itti tiffatanu woliin kennane.
JOS 21:19 Wolumatti qachooti gugurdaan kudhanii sad lafa horii itti tiffatanu woliin hayyicha Aaroniif kennamane.
JOS 21:20 Maatii gosa Lewwootaa fira Qehaatotaa worra hafeef, qachooti gugurdaan gariin lafa Efreemii keessaa kennameef.
JOS 21:21 Qachooti gugurdaan afur: qachaa nami nama ijjeese itti baqatu Sheekemii fi lafa horii itti tiffatanu biyya koobittii Efreemii keessaa, Gezer lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:22 Kibzaayimii fi Bet-Horoonin lafa horii itti woliin kennane.
JOS 21:23 Lafa Daanii keessaa qachoota gugurdaa afur: Elteqee lafa horii itti tiffatanu woliin, Giibetoon lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:24 Ayalon lafa horii itti tiffatanu woliin, Gaat-Rimoon lafa horii itti tiffatanu woliin kennane.
JOS 21:25 Lafa Minaase'ee ta gara aduun seentuu keessaa qachoota gugurdaa lama: Ta'anaa fi Gaat-Rimoon lafa horii itti tiffatanu woliin kennane.
JOS 21:26 Maatiin fira Qehaatotaa worri hafe kun, wolumatti qachoota gugurdaa kudhan lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:27 Goliin gosa Lewwootaa firri Gershoonii dhibiin, lafa Minaase'ee ta gara aduun baatuu keessaa qachoota gugurdaa lama: Golaanii Baashaan keessaa qachaa itti baqatanu keessaa tokko ka te'ee fi Ashitaaroti lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:28 Lafa Yisaakorii keessaa qachoota gugurdaa afur: Qeshoon lafa horii itti tiffatanu woliin, Daaberaatin lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:29 Yarmuut lafa horii itti tiffatanu woliin, En-Gaaniim lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:30 Lafa Asheerii keessaa qachoota gugurdaa afur: Mishaalin lafa horii itti tiffatanu woliin, Abdoon lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:31 Helqaatii lafa horii itti tiffatanu woliin, Rehoob lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:32 Lafa Niftaalemii keessaa qachoota gugurdaa sad: Qedeeshii Galiilaa keessaa qachaa itti baqatanu keessaa tokko ka te'e lafa horii itti tiffatanu woliin, Hamoot-Door lafa horii itti tiffatanu woliin, Qaartaan lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:33 Maatiin fira Gershoonii akka maatii maatii isaaniititti wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii sad lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:34 Firri Meraarii gosi Lewwootaa worri hafe, lafa Zebuloonii keessaa qachoota gugurdaa afur: Yaakon'an lafa horii itti tiffatanu woliin, Qaartaa lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:35 Diimnaa lafa horii itti tiffatanu woliin, Naahaalal lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:36 Lafa Ruubenii keessaa qachoota gugurdaa afur: Bezer lafa horii itti tiffatanu woliin, Yaahazaa lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:37 Qedemoot lafa horii itti tiffatanu woliin, Mefaat lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:38 Lafa gosa Gaadii keessaa qachoota gugurdaa afur: Raamootii Galii'aad keessaa, qachaa nami nama ijjeese itti baqatu, lafa horii itti tiffatanu woliin, Mahanaayim lafa horii itti tiffatanu woliin,
JOS 21:39 Heshiboon lafa horii itti tiffatanu woliin, Yaazer lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.
JOS 21:40 Maarre firri Meraarii gosa Lewwoota worra hafeef, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii lama kennane.
JOS 21:41 Lafa kolbaan Israa'el qabatte keessaa lafa horii itti tiffatanu woliin wolumatti qachoota gugurdaa afurtamii saddeeti, Lewwootaaf kennane.
JOS 21:42 Qachooti kun tokko tokkoon isaaniituu adaala ifiititti lafa horii itti tiffatanu qaban.
JOS 21:43 Maarre Waaqi lafa abbootii isaaniitiif kenniisaaf waadaa gale duudii Israa'elootaaf kenne. Isaan lafa san fudhataneen duuba achii le'ane.
JOS 21:44 Waaqi akkuma abbootii isaaniitiif waadaa galetti lafa isaanii duudii keessatti nageya isaanii kenne. Diinota isaanii duudii irratti Waaqi injifachaa waan kenneef, diinota isaanii mara keessaa tokkolle isaan dura dhaabbatuu hin dandeenne.
JOS 21:45 Waaqi waadaa kolbaa Israa'eliitiif gale tokkolle adoo hin hafin muummesse.
JOS 22:1 Achiin duuba Iyaasuun kolbaa gosa Ruubenii, Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu wolitti waamee,
JOS 22:2 Isaaniin, «Isin waan Muuseen tajaajilaan Waaqaa akka isin gootanuuf ajaje duudii gootaneertan; ajaja kiyya maralle'eef ajajantaneertan.
JOS 22:3 Yennaa tana duudii, isin haga adhaatitti Israa'eloota obboleeyyan teessan irraa gargar hin baane. Ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii akka dansaa eegattaneertan.
JOS 22:4 Amma, Goottaan Waaqi keessan akkuma waadaa gale Israa'eloota obboleeyyan teessaniif nageya kenneera. Tanaaf gara lafa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu, ka tajaajilaan Waaqaa Muuseen isiniif kennetti deebi'a'a.
JOS 22:5 Seeraa fi ajaja Muuseen tajaajilaan Waaqaa isiniif kenne ifi eegganna'aan muummessa'a: Waaqa Goottaa keessan jaaladha'a; fedha isaa muummessa'a; ajaja isaa eegadha'a; isaaf addatama'a; gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuun teessan takkatti'iin isa tajaajila'a» jedhe.
JOS 22:6 Achiin duuba Iyaasuun isaan eebbisee ifi irraa geegesse; isaanille gara mana ifii galane.
JOS 22:7 Muuseen gamisa gosa Minaase'eetiif lafa Baashaanii kenneeraayyu; Iyaasuun ammoo gamisa gosa Minaase'ee worra hafeef obboleeyyan isaanii Israa'eloota woliin lafa laga Yordaanosiitiin gara aduun seentu kenneef. Iyaasuun akka isaan gara manaa galanuuf, yennaa ifi irraa eebbisee geegesse,
JOS 22:8 «Isin karra teessan hedduu, horii hedduu, meetii, worqii, sageettuu, sibiilaa fi woyaa hedduu fudhadha'aatii gara manaa deebi'a'a; waan boojitanelle obboleeyyan teessan woliin qoodama'a» jedheen.
JOS 22:9 Maarre kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee gara lafa ifii Giil'aadii, ta ajaja Waaqaatiin karaa Muuse'eetiin isaaniif kennante sanitti deebi'iisaaf, kolbaa Israa'elii worra hafe Shiilonii biyya Kana'aanii keessatti lakkisanee gara manaa deebi'ane.
JOS 22:10 Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee lafa laga Yordaanosii biraa ta Kana'aanotaa keessaa yennaa geyane, laga biratti addee ciinca'aa guddoo ta maade'ee ijaarane.
JOS 22:11 Kolbaan Israa'elii worri hafe, akka gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gosi Minaase'ee ta gara aduun baatuu, lafa Israa'elootaa Kana'aan keessa lafa laga Yordaanosii biraatitti, addee ciinca'aa akka ijaarane dhage'ane.
JOS 22:12 Kolbaan Israa'elii duudiin yennaa waan kana dhageette gosa gara aduun baatuu loliisaaf Shiilo'otti wolitti qabante.
JOS 22:13 Achiin duuba Israa'elooti, Fiinehaasinii ilma hayyicha Ele'azaarii, gara kolbaa lafa Giil'aadii gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuutitti ergane.
JOS 22:14 Fiinehaas woliin namoota gugurdaa kudhan ergane; tokko tokkoon isaaniituu gosa gara aduun seentu keessaa, maatii fira ifii keessatti sooreyyi'i.
JOS 22:15 Isaanille gara lafa Giil'aadii kolbaa gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu dhaqanee isaaniin,
JOS 22:16 «Kolbaan Waaqaa duudiin gara keessan nu erganee, ‹Isin maaf Waaqa Israa'elii irratti waan hantuu tana gootane? Addee ciinca'aa tana ifiif ijaaratiisaan Waaqa finqiltaneertan; isa irralle'ee fagaattaneertan.
JOS 22:17 Cubbuun Phe'oritti teete nu hin geettuu? Kolbaa Waaqaa irratti balaan bu'ulle, nuuti haga adhaalle cubbuu san irraa adoo hin qulqulloomin jirra.
JOS 22:18 Isin amma Mootii Waan Maraa hordofuu diddanii? Yoo finqiltane, inni boru kolbaa Israa'elii duudi'itti hin mufata.
JOS 22:19 Latti teessan ta battootte yoo teete, addee dunkaaniin isaa jirtu gara lafa Waaqaa kowa'aa lafa nu woliin qoodama'a; ammoo addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa biratti ta dhibii ijaarratiisaan Mootii Waan Maraa yookiin nu hin fiqiliina'a.
JOS 22:20 Akaan ilmi Zaara'aa waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame fudhatiisaan attam ajajamuu akka dide qaabadha'a; kolbaan Israa'elii duudiin saniif adabante. Nami sababa cubbuu ifiitiif du'e Akaan qofaa moti› jedhan» jedhane.
JOS 22:21 Kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosi Minaase'ee ta gara aduun baatuu, sooreyyii maatii gosa gara aduun seentuutiin,
JOS 22:22 «Waaqi goottaa waaqotaa ti! Waaqi goottaa waaqotaa ti! Inni maaf akka nuuti tana goone hin beeka; akka isinille beettanu barbaanna! Nuuti finqillee dhugeeffannaa eegatiisa yoo dhanne, lubbu'uun akka leenu nu hin lakkisina'a.
JOS 22:23 Nuuti Waaqaaf ajajamuu dhannee ciincaa yookiin kennaa midhaanii yookiin woreega tokkumma'aa irratti dhikeessiisaaf addee ciinca'aa ka ijaarranneerru yoo te'e, Mootiin Waan Maraatuu nu adabuu ti.
JOS 22:24 Waawwo'o! Sanyiin teessan hegeri, ‹Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii woliin maan qaddan? Inni nu'uu fi isin kolbaa gosa Ruubeniitii fi Gaadii wodhakka'atti laga Yordaanosii meessaa godheera. Isin Mootii Waan Maraa woliin qooda hin qaddanu› jettee sanyii teenna hin gaafatti fa'a jennee waan sodaanneef tana goone. Sanyiin teessan sanyii teenna akka Waaqa hin waaqonsine dhooggiti.
JOS 22:26 Tanaaf nuuti ciincaa yookiin woreegaa dhibii dhikeessiisaaf addee ciinca'aa hin ijaarranne.
JOS 22:27 Ammoo isinii fi nu'u wodhakka'atti, dhaloota nu'uun duuba dhufu wodhakkaalle'etti, dunkaana woyyittii duratti ciincaa, woreegaa fi woreega tokkumma'aa qabannee Mootii Waan Maraa akka waaqonfatiisatti jirru kolbaa teennaa fi teessaniif beessisa teeti. Tanaaf sanyiin teessan sanyii teennaan, ‹Mootii Waan Maraa irraa qooda hin qaddanu› jechuu hin dande'anu.
JOS 22:28 Wonni kun yoo teete, yaad keenna, sanyiin teenna, ‹Ilaala'a! Addeen ciinca'aa ta abbootiin teenna hujje, addee ciinca'aa ta Waaqaaf hujanteen wol fakkaatti. Tunille odduu kolbaa teessaniitii fi teennaatitti beessisa teetee akka jiraattuuf malee, ta ciincaan yookiin woreegi irratti dhikaatuu moti› jenne.
JOS 22:29 Nuuti dhugumaan addee ciinca'aa ta ciincaan, kennaan midhaaniitii fi woreegi irratti dhikeeffamu ijaariisaan Waaqa hin finqille yookiin isa hordofiisa hin lakkinne. Nuuti addee ciinca'aa dhugittii Waaqaa ta dunkaana Woyyittii duraa qofa malee ta dhibii hin ijaarre» jedhane.
JOS 22:30 Hayyichi Fiinehaa fi sooressitooti kolba'aa kudhan ka isa woliin jiranu sooreyyiin maatii gosa gara aduun seentuu, waan kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu, dubbatane yennaa dhage'ane gammadane.
JOS 22:31 Fiinehaas Ilmi Ele'azaarii hayyichaa isaaniin, «Amma akka Waaqi nu woliin jiru beenneerra. Isin isa hin finqille; tanaaf kolbaa Israa'elii adabbii Waaqaa irraa fayyittaneertan» jedhe.
JOS 22:32 Achiin duuba Fiinehaas ilmi Ele'azaarii hayyichaatii fi sooressitooti kolbaa Ruubeniitii fi Gaadii lafa Giil'aadii keessaa ka'anee gara Kana'aanii deebi'anee, waan te'e Israa'elootatti himane.
JOS 22:33 Israa'elooti waan dhage'ane sanitti gammadanee Waaqa leellisane. Eega san isaan marroo lafa kolbaan Ruubeniitii fi Gaadii keessa qubataneeranu dhaqanee lolanee balleessiisaa hin dubbanne.
JOS 22:34 Kolbaan Ruubeniitii fi Gaadii, «Addeen ciinca'aa tun Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, nu duudi'iif dhugaa baati» jedhanee moggaasane.
JOS 23:1 Yennaa heddu'uun duuba, Mootiin Waan Maraa diinota adaala jiranu duudii irraa Israa'eloota foorfachiise. Yennaa san Iyaasuun guddoo dulloomeera.
JOS 23:2 Maarre inni kolbaa Israa'elii duudii, jaarsolee, sooreyyii, abbootii mura'aatii fi qondaaltota kolba'aa waamee, «Ani amma guddoo dulloomeera.
JOS 23:3 Isin waan Mootiin Waan Maraa Waaqi sababa keessaniif, gosa biyya adda addaa tana duudi'iif godhe dhaggitaneertan. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif loleera.
JOS 23:4 Ani lafa gosa adda addaa ta haga ammaa hin qabatamin jirtuu fi ta duruu qabadheeru, gara aduun baatuun laga Yordaanosii irraa jalqabee gara aduun seentuun haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa gosa teessaniif kenneera.
JOS 23:5 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaan isin duraa ari'ee hin baasa; isin duraa isaan hin fageessa. Isin akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan Waadaa isiniif galetti, lafa isaanii hin fudhattan.
JOS 23:6 Tanaaf waan kitaaba Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maraaf ajajamiisaa fi tolchiisa jabaadha'aa eegadha'a. Isaan irralle'ee gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorina'a.
JOS 23:7 Kolbaa odduu teessanitti hatte woliin wolitti hin makamina'a yookiin maqaa waaqota isaanii hin waammatina'a yookiin ittiin hin kakatina'a yookiin hin waaqonsina'a yookiin hin sagadina'aaf.
JOS 23:8 Addee akkasii akkuma haga ammaa godhaa jirtanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif addatama'a.
JOS 23:9 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa gugurdo'oo fi jajjaboo isin duraa ari'eera; haga adhaa nami tokkolle isin dura dhaabbatiisa hin dandeenne.
JOS 23:10 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akkuma isiniif waadaa galetti waan isiniif loluuf, nami keessan tokkochi nama isaanii kuma hin ari'a.
JOS 23:11 Tanaaf, isin jabeessa'aa ifi eeggadha'aatii Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a.
JOS 23:12 Isin ammoo karaa Waaqaa irraa fagaattanee, worra odduu teessanitti hafe woliin makantanee yoo wol fuutane,
JOS 23:13 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan haganaa achi kolbaa tana isin duraa akka hin ariine beeka'a; isaan ammoo haga isin lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kenne tana irraa isin balleessanutti, akka tiyyo'ootii fi fonxoro'oo, dudda keessaniif akka liche'ee, ila teessaniif akka qore'ee isinitti hin te'an.
JOS 23:14 «Amma yennaan ani du'u geetteerti; isin keessaa tokko tokkonuu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa gale mara tokkolle adoo hin hafin akka isiniif kenne, gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin hin beeka.
JOS 23:15 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa isiniif gale akkuma muummesse, akkasuma biyya dansaa isiniif kenne keessaa haga isin balleessutti waan hantuu duudii isinitti hin fida.
JOS 23:16 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin eegattanu ajaje eegatuu dhaddanee, waaqota dhibii dhaxxanee tajaajiltanee yoo sagaddane, mufiin Waaqaa isin irratti bobeetti; lafa dansaa inni isiniif kenne irralle'ee ariiti'iin baddan» jedhe.
JOS 24:1 Iyaasuun gosa Israa'elii duudii Sheekemitti wolitti qabee, jaarsolee, sooreyyii, abbootii mura'aatii fi qondaaltota Israa'el waame; isaanille Waaqa duratti wolitti qabamane.
JOS 24:2 Iyaasuun kolbaa duudi'iin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Bara durii abbootiin teessan ta laga Efraaxiisiitiin gama leetu waaqota dhibii waaqonfatte; isaan keessaa tokkochi Taaraanii abbaa Abrahaamiitii fi Naahorii ti.
JOS 24:3 Ani ammoo abbaa keessan Abrahaam laga Efraaxiisiitiin gamaa fuudhee, biyya Kana'aanii duudii keessa isa sooressee, sanyii hedduu isaaf kenne. Ani isaaf Yisihaq,
JOS 24:4 Yisihaqiifille Yaaqoobii fi Esaawuu kenne; Esaawuuf biyya koobittii Se'iir kenne; Yaaqoobii fi ijoolleen isaa ammoo gara biyya Gibxi'ii gad bu'ane.
JOS 24:5 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron gara biyya Gibxi'ii ergee, biyya Gibxi'ii irratti balaa guddaa buuse; isin ammoo achii baase.
JOS 24:6 Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'iitii yennaa baase, worri Gibxi'ii garreettaa fardaatii fi abbootii fardaatiin haga abbaayaa diintu'uu isaan ari'ane.
JOS 24:7 Abbootiin teessan ammoo akka ani isaan qarqaaruuf gara kiyya iyyane. Anille isaanii fi worra Gibxi'ii wodhakka'atti dukkana buusee, abbaayaa isaan irratti garagalchee akka lixanu godhe. Waan ani worra Gibxii irratti godhe ila teessaniin dhaggitaneertan; eega san isin yennaa hedduu goomolee keessa leetane.
JOS 24:8 Achiin duuba gara lafa Amoorota laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu jiranu isin fide. Isaan isin lolane; ani ammoo isaan harka keessanitti dabarsee kenne. Ani fuula keessan duraa isaan balleessee, lafa isaanii fudhattane.
JOS 24:9 Mootiin Mo'aabii ilmi Ziphoorii Balaaqi, isin loliisaaf yennaa ka'e, ilma Phe'orii Bala'aam akka isin abaaruuf erge.
JOS 24:10 Ani ammoo Bala'aamiif hin dhageenne; maarre inni isin eebbise; akka kanaan ani Balaaqi jalaa isin baase.
JOS 24:11 Isin laga Yordaanosii buutanee gara Yeriko'oo dhuttane. Worri Yeriko'oo, akkasuma worri Amoorotaa, Pheriizotaa, Kana'aanotaa, Heetotaa, Girgaashotaa, Hiiwotaatii fi Yibusootaa isin lolane; ani ammoo harka keessanitti dabarsee isaan kenne.
JOS 24:12 Akkuma mootota Amoorotaa lamaan irratti godhe, soonsa isin duraa isaan ari'u itti erge; kun shallaagaa yookiin guubee teessaniin waan te'ee moti.
JOS 24:13 Ani lafa isin ijjuma hin hujinii fi qachaa isin hin ijaarin isiniif kenneera. Amma isin midhaan muka woyni'iitii fi muka ejersaa hin dhaabin irraa nyaataa achi le'aartan› jedha» jedhe.
JOS 24:14 Iyaasuun ammalle kolba'aan, «Mootii Waan Maraa ulfeessa'a; dhuga'aa fi addatamumma'aan isa tajaajila'a; waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitii fi biyya Gibxi'iititti waaqonfatane irraa fagaadha'aatii, Mootii Waan Maraa qofa waaqonfadha'a.
JOS 24:15 Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le'aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha'a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
JOS 24:16 Kolbaan deebittee, «Mootii Waan Maraa lakkinne waaqota dhibii ijjumaa hin waaqonfannu!
JOS 24:17 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, abbootii teennaa fi nu'u garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa baaseera; bilbaasota inni godhelle dhaggineerra; kolbaa biyya adda addaa ta keessa dabarre duudii oddu'utti nageyaan nu eegeera.
JOS 24:18 Mootiin Waan Maraa kolbaa Amoorotaa ta lafa san keessa leetu duudii nu duraa ari'e. Inni Waaqa keenna waan te'eef, nuutille isa hin waaqonfanna» jette.
JOS 24:19 Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa Waaqa woyyichaa fi hinaatticha waan te'eef, isa tajaajiluu hin dandeettanu; inni yakka'aa fi cubbuu teessan hin araaramu.
JOS 24:20 Isin isa lakkittanee waaqota orma yoo waaqonfattane, inni dur dansaa isiniif te'ulle, waan hantuu isinitti fidee, isin hin balleessa» jedhe.
JOS 24:21 Kolbaan Iyaasu'uun, «Waawwo'o! Nuuti Mootii Waan Maraa waaqonfanna» jette.
JOS 24:22 Iyaasuun isaaniin, «Isin Mootii Waan Maraa waaqonfatiisa waan filattaneef isinuu ifiif dhugaa baatota» jedhe. Isaan, «Eeti'i! Nuuti dhugaa baatota» jedhane.
JOS 24:23 Achiin duuba Iyaasuun kolba'aan, «Waaqota orma ka odduu teessan jiranu gata'aatii, gadhaa keessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebifadha'a» jedhe.
JOS 24:24 Achiin duuba kolbaan Iyaasu'uun, «Nuuti Goottaa Waaqa keenna hin waaqonfanna; ajaja isaalle hin eeganna» jette.
JOS 24:25 Guyyuma san Iyaasuun Sheekemitti kolbaa woliin gondooroo godhee, seeraa fi qajeelfama ittiin bulanu isaaniif kenne.
JOS 24:26 Iyaasuun ajajjoota tana kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse; achiin duuba dhakaa guddaa tokko fuudhee, addee woyyittii Mootii Waan Maraa bira qilxaa jalatti dhaabe.
JOS 24:27 Inni kolbaa duudi'iin, «Dhakaan kun waan Mootiin Waan Maraa nu'utti dubbate, duudii waan dhage'eef, nu irratti dhugaa hin baya; tanaaf yoo Waaqa mormattane dhakaan kun isin irratti dhugaa hin baya» jedhe.
JOS 24:28 Achiin duuba Iyaasuun kolbaa ifi irraa geegesse; nami martinuu gara lafa ifii deebi'e.
JOS 24:29 Saniin duuba tajaajilaan Mootii Waan Maraa Iyaasuun ilmi Nunii, woggaa dhibbaa fi kudhanitti du'e.
JOS 24:30 Israa'elooti lafa isaa ta «Tiimnat-Seraa» jedhantu, biyya koobittii Efreem keessaa ta gaara Ga'aashiitiin gara kaaba jirtutti awwaalane.
JOS 24:31 Bara Iyaasuun jiru'uun jiru duudii kolbaan Israa'elii Waaqa waaqonfatte; du'a isaatille'een duuba, haga bara jaarsoleen waan Waaqi Israa'eliif godhe mara ila ifiitiin dhaggane jiranuutitti Waaqa waaqonfatane.
JOS 24:32 Lafeen Yoseefii ta Israa'elooti biyya Gibxi'iitii fidane, lafa diqqoo ta Yaaqoob ilmaan Hamoorii abbaa Sheekemii irraa meetii dhibba tokkoon bite, lafa sanyii Yoseefii keessatti awwaalante.
JOS 24:33 Ilmi Aaronii Ele'azaar du'ee, qachaa biyya koobittii Efreemii keessaa ka ilma isaa Fiinehaasiif kenname Giibe'atti awwaalame.
JDG 1:1 Iyaasuun du'een duuba kolbaan Israa'elii, «Kana'aanota loliisaaf sanyii teenna keessaa eentu dursee duuluu qaba?» jettee Mootii Waan Maraa gaafatte.
JDG 1:2 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Sanyiin Yihuda'aa dursitee duultuu ti. Ani lafa san dabarsee isaaniif hin kenna» jedhe.
JDG 1:3 Kolbaan Yihuda'aa kolbaa Shimi'oonii obboleeyyan ifiitiin, «Kana'aanota loliisaaf gara lafa nu'uuf kennantee, woliin deennuu ti. Achiin duuba nuutille gara lafa isiniif kennantee, isin woliin deenna» jedhane. Maarre sanyiin Shimi'ooniille isaan woliin deemane.
JDG 1:4 Kolbaan Yihuda'aa yennaa lolaaf baate, Mootiin Waan Maraa Kana'aanotaa fi Pheriizota harka isaaniititti dabarsee kenne; isaaniille qachaa Bezeqiititti namoota kuma kudhan ijjeesane.
JDG 1:5 Isaan achitti mootii Adonii-bezeq dhagganee isa lolanee, Kana'aanotaa fi Pheriizota worra hafane injifatane.
JDG 1:6 Adonii-bezeq isaan duraan baqate; isaan ammoo ari'anee isa qabanee, quba abguddicha miilaatii fi ka harka isaa murane.
JDG 1:7 Adonii-bezeqille, «Moototi torbaatam worri quba abguddoo miilaatii fi ka harkaa muramane, hambaa qorii tiyyaa jalaa qocataa nyaataniiyyu. Daba ani isaan irratti huje, adha Waaqi deebisee natti fide» jedhe. Kolbaan Yihuda'aa gara Yerusaalemii isa geessitee, inni achitti du'e.
JDG 1:8 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii loltee qabatte; namoota qachaa keessa jirulle shallaaga'aan fixxee, qachaa sanille ibiddaan gudde.
JDG 1:9 Kanaan duuba kolbaan Yihuda'aa, Kana'aanota worra biyya koobaa, goomolee kibba Negebiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuu loliisaaf dhaxxe.
JDG 1:10 Worri Yihuda'aa, Kana'aanota qachaa Kebroonii ka dur, «Kiriiyati-Arbaa» jedhamu keessa le'anu loliisaaf dhaqane; isaan sanyii Sheshaayii, Ahimaaniitii fi Talmaayii injifatane.
JDG 1:11 Kolbaan Yihuda'aa, worra qachaa Deebirii ka dur, «Kiriiyat-Sefe» jedhamu keessa le'u loliisaaf dhaqane.
JDG 1:12 Kaaleb, «Nama Kiriiyat-Sefer lolee qabatuuf, ani intala tiyya Aksaa hin heerumsiisa» jedhe.
JDG 1:13 Otnii'el ilmi Qenazii obboleessa maandhicha Kaalebii qachaa san qabate; tanaaf Kaaleb intala ifii Aksaa Otnii'el heerumsiise.
JDG 1:14 Aksaan Otnii'el heerumteen duuba, akka inni abbaa isi'ii irraa fichaa gaafatuuf itti hinte. Yennaa isiin harree ifii irraa baate, Kaaleb, «Ani maan akka si'iif godhu barbaadda?» jedhee gaafate.
JDG 1:15 Isiille deebittee, «Latti ati naaf kennite lafa gammoojji'ii keessa waan teeteef, madda bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb madda bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef.
JDG 1:16 Sanyiin abbaa soddaa Muuse'ee Qenichaa, kolbaa Yihuda'aa woliin qachaa Meexxi'iitii ka'anee, lafa biyya Yihuda'aa keessaa gara lafa goomolee kibbaa ta qachaa Araadii biraatitti ol bayanee, kolbaa biyya sanii woliin le'ane.
JDG 1:17 Kolbaan Yihuda'aa obboleeyyan ifii kolbaa Shimi'oonii woliin gara qachaa Zifaatii dhaqanee, Kana'aanota achi le'anu lolanee qachaa san ijjumaa balleessane; tanaaf maqaa qachaa saniille, «Hormaa» jedhanee baasane.
JDG 1:18 Kolbaan Yihuda'aa qachoota Gaaza'aa, Ashqaloonii, Eqrooniitii fi lafa adaala qachaa saniille qabatane.
JDG 1:19 Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa woliin waan jiruuf, isaan biyya koobittii injifatanee fudhatane; ammoo worri lafa dirree keessa le'u, garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu waan qabanuuf, isaan ari'anee baasiisaaf hin dandeenne.
JDG 1:20 Akkuma Muuseen ajajetti qachaan Kebroonii Kaalebiif kenname; innille sanyii ilmaan Aanaaqii sad achii ari'ee baase.
JDG 1:21 Sanyiin Beniyaaminii ammoo, Yibusoota ari'anee Yerusaalem keessaa waan hin baasiniif, isaan haga adhaa kolbaa Beniyaaminii woliin Yerusaalem keessa le'an.
JDG 1:22 Sanyiin ilmaan Yoseefii qachaa Bet'elii loliisaaf dhaxxe; Mootiin Waan Maraalle isaan woliin jiraayyu.
JDG 1:23 Sanyiin ilmaan Yoseefii gara qachaa Bet'eliititti gaaddota ergite; maqaan qachaa Bet'elii dur, «Luz» jedhama.
JDG 1:24 Gaaddoti sun nama qachaa keessaa gad bawu dhagganee, «Karaa gara qacha'aa seenu nutti mudhisi; nuutille waan dansaa si'iif goona» jedhaneen.
JDG 1:25 Maarre innille karaa gara qacha'aa seenu isaanitti mudhise; isaanille worra qachaa keessa le'u shallaaga'aan fixane; namichaa fi maatii isaa ammoo nageyaan lakkisane.
JDG 1:26 Namichi sun gara biyya Heetotaa dhaqee, qachaa maqaan isaa haga adhaa, «Luz» jedhamee beekkamu ijaare.
JDG 1:27 Sanyiin Minaase'ee worra Bet-shaan, Ta'anaa, Door, Yible'aam, Megidoo fi worra ollaa adaala isaanii keessa le'u ari'anee hin baanne; Kana'aanotille achuma keessa le'iisaaf murteeffatane.
JDG 1:28 Israa'elooti yennaa jabaatane, worri Kana'aanotaa akka hujii hunnaa isaaniif hujanu, hunnaan godhane malee, isaan mara ari'anee hin baanne.
JDG 1:29 Sanyiin Efreemiille Kana'aanota qachaa Gezerii keessa le'anu ari'anee hin baanne; tanaaf Kana'aanoti odduu isaanii Gezer keessa le'ane.
JDG 1:30 Sanyiin Zebuloonii Kana'aanota Qiixronii fi Nahalol keessa le'anu ari'anee hin baanne; ammoo isaanuma odduu le'aa hujii hunnaa akka hujanu hunnaan godhane.
JDG 1:31 Sanyiin Asheerii worra qachaa Aakoo, Sidoonii, Ahilaabii, Akziibii, Helba'aa, Afeqiitii fi Rehoobii keessa le'u ari'anee hin baanne.
JDG 1:32 Tanaaf kolbaan Asheerii Kana'aanota achi jiranu woliin le'ane.
JDG 1:33 Sanyiin Niftaalemii Kana'aanota Bet-sheshii fi Bet-anaat keessa le'anu ari'anee hin baanne; tanaaf worri Kana'aanota isaan woliin lafa san le'ane; ammoo hujii hunna akka isaanii hujanu hunnaan godhane.
JDG 1:34 Worri Amoorotaa sanyii Daanii gara biyya koobitti'ii ari'ane; gara dirre'eelle gad bu'iisa isaan dhooggane.
JDG 1:35 Worri Amoorotaa Ayalon, Sha'aalbiimii fi kooba Heresii keessa le'iisaaf murteeffatane; sanyiin ilmaan Yoseefii ammoo ifiin jalatti isaan bulchaa, akka hujii hunnaa isaaniif hujanu hunnaan godhane.
JDG 1:36 Meessaan worra Amoorotaa tarba Aqrabiimii Selaa irraa jalqabee, ol baya.
JDG 2:1 Ergamaan Mootii Waan Maraa qachaa Giilgalii irraa gara Bokiimii ol bayee, Israa'elootaan, «Ani biyya Gibxi'iitii isin baasee, gara biyya abbootii teessan ta duriitiif kenniisaaf waadaa galee isin fide; ani, ‹Gondooroo isin woliin godhe haga bara baraa hin diigu.
JDG 2:2 Isin addee ciinca'aa ta worra biyya kanaa diiga'a malee, isaan woliin wol hin gondoorina'a› jedheera; isin ammoo naaf hin ajajanne. Isin maaf tana gootane ree?
JDG 2:3 Maarre ani amma, worra kana isin duraa hin ari'u. Isaan isiniif diina te'an; waaqoti isaaniille tiyyoo isinitti te'an» jedhe.
JDG 2:4 Yennaa ergamaan Mootii Waan Maraa tana dubbate, kolbaan Israa'elii marti qoonqoo ol qabattee bootte.
JDG 2:5 Tanaaf addeen sun «Bokiim» jedhantee moggaafante. Isaan achitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessane.
JDG 2:6 Iyaasuun kolbaa Israa'elii gara addee addee isaaniititti yennaa erge, nami tokko tokkonuu qooda lafa ifii fudhatiisaaf gara lafa ifii dhaqe.
JDG 2:7 Bara Iyaasu'uutii fi bara jaarsolee isaan duuba le'anee, waan gugurdoo Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif godhe mara dhagganeetitti, kolbaan Waaqa waaqonfatte.
JDG 2:8 Iyaasuun ilmi Nunii tajaajilaan Mootii Waan Maraa woggaa dhibbaa fi kudhanitti du'e.
JDG 2:9 Isaan lafa qooda isaa biyya Efreemii koobittii, ta gaara Ga'aashii irraa gara kaabaa jirtu, Tiimnaat-Heresitti isa awwaalane.
JDG 2:10 Dhalooti sun marti dhumatteen duuba, dhalooti dhibiin ka Waaqaa fi waan Waaqi kolbaa Israa'eliitiif godhe hin beenne kaate.
JDG 2:11 Achiin duuba kolbaan Israa'elii waan fuula Mootii Waan Maraa duratti hantuu te'e hujjee, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatte.
JDG 2:12 Isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baase waaqonfatiisa lakkisane; waaqota worra adaala isaanii jiruu hordofanee, sagadiisa jalqabanee, Mootii Waan Maraa aarsane.
JDG 2:13 Isaan Waaqa waaqonsiisa lakkisanee waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti waaqonfatane.
JDG 2:14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti aaree, worra isaan saamutti dabarsee isaan kenne; inni harka diinota adaala isaanii maratti isaan gurgure; achiin duuba kolbaan Israa'elii diinota ifii ifi irraa dhooggatiisa hin dandeenne.
JDG 2:15 Mootiin Waan Maraa akkuma kaku'uun isaanitti dubbate, yennaa lolaaf bayanu mara, akka isaan injifatamanuuf isaan morme; tanaaf isaan guddoo rakkatane.
JDG 2:16 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Israa'eloota worra isaan saamu jalaa akka baasanuuf abbootii mura'aa isaaniif kaase.
JDG 2:17 Kolbaan Israa'elii ammoo, Mootii Waan Maraatiif addatamuu lakkittee, waaqota dhibii waaqonfatiisaan sagaagaltee, sagaddeef malee, abbootii mura'aa ifiitiif hin ajajanne. Abbootiin isaanii Waaqaaf ajajanteertiiyyu; isaan ammoo karaa abbootiin isaanii ta durii ideente irraa ariiti'iin gorane; fakkeenna isaaniille hin hordonne.
JDG 2:18 Mootiin Waan Maraa, abbootii mura'aa yennaa isaaniif kaase, abbaa mura'aa tokko tokkooyyuu woliin jiraatee, bara abbaa mura'aa san maraa Israa'eloota harka diinotaa keessaa baasaareeyyu; namooti waan isaan miidhanee cunqursaneef, yennaa isaan qarqaariisaaf gara Mootii Waan Maraa iyyane, inni isaaniif naye.
JDG 2:19 Abbaan mura'aa yennaa du'u ammoo, kolbaan waaqota dhibii hordofiisaan, isaan waaqonfattee sagaddee, abbootii ifii ta durii caalaa hammeenna hujane; hujii hantuu ifiitii fi mataa jabinna ifiille hin lakkinne.
JDG 2:20 Tanaaf aariin Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti bobeettee, «Kolbaan tun gondooroo ani abbootii isaanii ta durii akka eegatanuuf ajaje diiganee, ajaja kiyyalle waan hin eegatiniif,
JDG 2:21 gosa biyya adda addaa ka Iyaasuun yennaa du'e lakkise, ani haganaa achi isaan keessaa tokkolle ari'ee hin baasu.
JDG 2:22 Kolbaan Israa'elii, akkuma abbootii isaanii ta durii, karaa kiyya ka hordofanu yookiin ka hin hordonne te'uu isaanii, worra achitti hafe saniin haga isaanii ilaala» jedhe.
JDG 2:23 Tanaaf Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa san achuma akka le'anu godhe; ariiti'iin ari'ee isaan hin baanne; harka Iyaasu'uulletti dabarsee isaan hin kennine.
JDG 3:1 Israa'eloota lola Kana'aanii keessatti hin dhaggamin haga ittiin ilaaliisaaf, gosi biyya adda addaa ka Mootiin Waan Maraa lakkise ka asii gadii kana.
JDG 3:2 Inni dhaloota Israa'elii ta kanaan qara lola irratti dhaggamanee hin beenne, lola barsiisiisaaf tana jedhe.
JDG 3:3 Gosi biyya adda addaa ka achitti hafane kunille, bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kana'aanota duudii, Sidoonota, Hiiwota worra gaara Ba'aal-Hermooniitii jalqabee haga Haamaatitti, gaara hedduu Libaanonii gubbaa le'u.
JDG 3:4 Gosi biyya adda addaa kun, ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin abbootii isaanii ta duriitiif kenne, Israa'elooti akka ajajamanu yookiin hin ajajanne beekiisaaf ittiin haga ilaaliisaaf achitti hafane.
JDG 3:5 Tanaaf Israa'elooti worra Kana'aanotaa, worra Heetotaa, worra Amoorotaa, worra Pheriizotaa, worra Hiiwotaatii fi worra Yibusootaa woliin le'ane.
JDG 3:6 Isaan durra isaanii fuudhanee, ta ifii ilmaan isaanii heerumsiisane; waaqota isaaniille waaqonfatane.
JDG 3:7 Israa'elooti Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujane; isaan Waaqa Mootii Waan Maraa ifii lakkisanee, waaqota dharaa Ba'aalii fi Asheeraa waaqonfatane.
JDG 3:8 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elitti guddoo aaree, harka mootii Mesophotaamiya'aa, Kushaan-Riishaataayimiititti dabarsee isaan kenne; isaanille woggaa saddeeti mootii san tajaajilane.
JDG 3:9 Yennaa Israa'elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane ammoo, innille harka mootichaa jalaa ka isaan baasu, ilma Qenazii obboleessa Kaalebii maandhicha Otnii'el isaaniif kaase.
JDG 3:10 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Otnii'el irratti bu'ee; innille Israa'el irratti abbaa mura'aa te'e; yennaa inni lolaaf baye Mootiin Waan Maraa mootii Mesophotaamiya'aa Kushaan-Riishaataayim harka isaatitti dabarsee kenne; innille Kushaan-Riishaataayim injifate.
JDG 3:11 Tanaaf latti woggaa afurtama nageyaan turte; achiin duuba ilmi Qenazii Otnii'el du'e.
JDG 3:12 Israa'elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; waan kanaaf Mootiin Waan Maraa mootiin Mo'aabii Egloon akka Israa'eloota injifatu hunna kenneef.
JDG 3:13 Egloon mootota Amoonotaatii fi Amaaleqootaa ede'atee, Israa'eloota lolee, qachaa meexxi'ii qabate.
JDG 3:14 Israa'elooti mootii Mo'aabii Egloon woggaa kudhanii saddeeti tajaajilane.
JDG 3:15 Yennaa Israa'elooti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille nama isaan bilisa baasu, sanyii Beniyaaminii keessaa ilma Gera'aa Ehud ka harka bitaachaa isaan qarqaaruuf kaase. Israa'elooti mootii Mo'aabii Eglooniif akka gibira geessu isa ergane.
JDG 3:16 Ehud shallaagaa ciqilee tokko dheeratu, ka gara lamaaniinuu qara qabu tunsiifatee, woyaa ifii jalaan tafa middaatitti hidhate.
JDG 3:17 Achiin duuba inni gibira san mootii Mo'aabii namicha guddoo furdaa te'e, Eglooniif geesse.
JDG 3:18 Ehud gibira kenneen duuba, worri gibira ba'atee dhaqe, gara mana ifii akka deebi'anu godhe.
JDG 3:19 Inni ifii ammoo, dhakaa ijaarsaaf qotanee baasane, ka Giilgal biraa yennaa geye duubatti deebi'ee, gara mootii Egloonii dhaqee, isaan, «Ee mootii! Ani ergaa dhossa'aa ta sitti himu qaba» jedhe; mootichille, «Cadhisa'a» jedhe. Achiin duuba tajaajiltooti isaa marti isa biraa gad bayane.
JDG 3:20 Egloon kolloo ifii ta mana gubba'aa ta qilleensa qaddu keessa qofuu tee'eeruun, Ehud isa bira dhaqee, «Ergaa Waaqa biraa sii dhutte qaba» jedheen. Mootichille ol ka'ee dhaabbatte.
JDG 3:21 Ehud shallaagaa ifii tafa middaa irraa harka bitaachaan buqqifatee, gadhaa mootichaa hordee woraane.
JDG 3:22 Addeen qabata shallaaga'aalle adoo hin hafin gadhaa keessa seenee, qacceen shallaaga'aa dudda duubaan fullaate; moorri namichaa shallaagaa waan golleef, Ehud shallaagaa gadhaa namichaa keessaa hin buqqinne.
JDG 3:23 Achiin duuba Ehud kolloo mootichaa ka mana irraa keessaa gad bayee, duubaan balbala itti cufee danqare.
JDG 3:24 Ehud mana keessaa bayee deemeen duuba, tajaajiltooti isaa dhufanee balbalti kolloo mootichaa ta mana irraa cufanteertuun yennaa dhaggane, mootichi faalowa irra waan jiru seyane.
JDG 3:25 Isaan haga eeganee dadhabanutti eegane; ammoo inni balbala banuu dhannaan, furtuu fuudhanee balbala banane. Achitti goottaan isaanii du'ee lafa irra irkateeruun dhaggane.
JDG 3:26 Tajaajiltooti mootichaa balbala banamiisa adoo eeganuu, Ehud isaan irraa fagaatee deeme. Inni dhakaa ijaarsaaf qotanee baasanu san irra taree, gara Se'iira'aa miliqe.
JDG 3:27 Inni yennaa achi geye, biyya koobittii Efreemiititti tultullaa afuufe; kolbaan Israa'eliille inni isaaniin dura deemuun, isa woliin gaara irraa gad buute.
JDG 3:28 Inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa diinota keessan worra Mo'aabii harka keessanitti dabarsee waan kenneef na hordofa'a» jedhe. Tanaaf isaan isa gula gad bu'anee, malkaa laga Yordaanosii ta gara Mo'aabii gamatti bayanu qabatanee, nami tokkolle achiin akka hin dabarre dhooggane.
JDG 3:29 Yennaa san loltoota jajjabaa fi hunnaameyyii Mo'aabii keessaa, gara kuma kudhanii ijjeesane; nami isaan jalaa miliqe tokkolle hin jiru.
JDG 3:30 Israa'elooti gaafa san worra Mo'aabii injifatte; latti sunille woggaa saddeettama nageya dhaggatte.
JDG 3:31 Ehudiin duuba ilmi Anaatii Shamgaar, sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuun worra Filisxeemotaa dhibba jaa ijjeesee, kolbaa Israa'elii isaan jalaa baase.
JDG 4:1 Ehud du'een duuba, Israa'elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujane.
JDG 4:2 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, harka Yaabiinii mootii Kana'aanii ka qachaa Hazoorii bulchuutitti dabarsee isaan kenne. Ajajaan loltoota isaa, nama «Siiseraa» jedhamu ka qachaa Haroshet-hagoyiimii keessa le'u.
JDG 4:3 Mootichi Yaabiin garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu dhibba sagal waan qabuuf, woggaa diddama gadhi-jabeennaan waan cunqurseef, Israa'elooti akka Mootiin Waan Maraa isaan qarqaaruuf iyyite.
JDG 4:4 Yennaa san Deboraan raagittiin haati manaa Laphiidotii, kolbaa Israa'eliitiif haadha mura'aa ti.
JDG 4:5 Isiin biyya koobotii Efreemii keessa, qachaa Raama'aatii fi Bet'elii odduu meexxii Debora'aa jala teettee muraa kenniti; kolbaan Israa'eliille muraa dhaggatiisaaf gara isi'ii dhaxxiiyyu.
JDG 4:6 Gaafa tokko Deboraan qachaa Qedeeshii ka Naftaalem keessaatitti ilma Abiino'aamii Baaraaqitti nama ergitee waansittee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ‹Dhaqiitii sanyii Niftaalemiitii fi Zebuloonii keessaa namoota kuma kudhan gara gaara Taaborii geessi.
JDG 4:7 Siiseraan ajajaan loltoota Yaabiinii, garreettaa sibiilaa ka fardaan harkifamuu fi loltoota ifii woliin laga Kiishoniititti si loliisaaf gara keeti akka dhufu hin godha; harka keetille'etti dabarsee isa hin kenna› jedhee si ajajeera» jetteen.
JDG 4:8 Achiin duuba Baaraaqi isi'iin, «Yoo ati na woliin dhaxxe anille hin dhaqa; yoo ati na woliin hin dhaqin ammoo anille hin dhaqu» jedhe.
JDG 4:9 Isiille deebittee, «Teetuu ti; ani si woliin hin deema; ammoo Mootiin Waan Maraa Siiseraa harka dubarti'iititti dabarsee waan kennuuf, karaa ati yaaddu kanaan ulfinni si'iif hin te'u» jette. Achiin duuba Deboraan Baaraaqi woliin Qedeesh dhaxxe.
JDG 4:10 Baaraaqi sanyii Zebulooniitii fi Niftaalemii Qedeeshitti waame; loltooti kum kudhan isa gula deemane; Deboraalle isa woliin dhaxxe.
JDG 4:11 Heberiin Qenichi sanyii Hobaabii abbaa soddaa Muuse'ee, worra Qenootaa dhibii irraa gargar bayee, dunkaana ifii lafa «Zaa'anaaniim» jedhantu ta qachaa Qedeeshii bira jirtu keessatti, muka qilxa'aa cina'atti dhaabe.
JDG 4:12 Ilmi Abiino'aamii Baaraaqi gara gaara Taaboriititti akka ol baye Siisera'atti himane.
JDG 4:13 Siiseraalle garreettaa sibiilaa ka fardaan harkifamu dhibba sagalii fi loltoota ifii mara Haroshet-Hagoyiim irraa gara laga Kiishonii wolitti qabe.
JDG 4:14 Achiin duuba Deboraan Baaraaqiin, «Mootiin Waan Maraa adha Siiseraa harka keetitti dabarsee waan kennuuf, ka'i! Mootiin Waan Mara si'iin dura hin deema» jetteen. Maarre Baaraaqi loltoota kuma kudhan woliin gaara Taaborii irraa gad bu'e.
JDG 4:15 Akkuma Baaraaqi loltoota ifii woliin jara loleen, Mootiin Waan Maraa Siisera'aa fi loltoota isaa, garreettaa isaa ka fardo'oon harkifamu maralle joonjesse. Siiseraalle garreettaa sibiilaa ifii ka fardo'oon harkifamu irraa bu'ee, miilaan dheete.
JDG 4:16 Baaraaqi garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamuu fi loltoota haga Haroshet-hagoyiimii ari'e. Loltooti Siisera'aa marti shallaaga'aan dhumattee, nami tokkolle hin hanne.
JDG 4:17 Mootii Hazoorii Yaabiinii fi sanyii Heberii Qenichaa wodhakkaa nageenni waan jiruuf, Siiseraan gara dunkaana Yaa'elii niitii Heberii Qenichaa baqate.
JDG 4:18 Yaa'elille Siiseraa fudhatiisaaf gad baatee, «Goottaa kiyya koy; gara dunkaanii tiyyaa seen; hin sodaatin» jetteen. Inni yennaa seene, isiille golla'aan duubatti isa dhossite.
JDG 4:19 Inni isi'iin, «Ani waan dheebodheeruuf, maganne'e bisaan unu naaf kenni» jedhe; isiin aanannoo buqqittee, waan inni unu kennitee, deebittee isa dhossite.
JDG 4:20 Achiin duuba inni isi'iin, «Seensuma dunkaani'ii dura dhaabbadhu; eennulle dhufee, ‹Nami as jiraa?› jedhee yoo si gaafate ‹Hin jiru› jedhiin» jedhe.
JDG 4:21 Siiseraan guddoo waan dadhabeeruuf hirriiba hamaa keessa jiraayyu; achiin duuba Yaa'eliin niitiin Heberii burrisaa fi togaa dunkaanaa fudhattee, laana gara isaa dhaxxee, guunaa gurra isaatitti dhoottee lafatti fullaache; innile du'e.
JDG 4:22 Baaraaqi Siiseraa ari'aa yennaa dhufe, Yaa'el isa fudhatiisaaf gad baatee, «Asi koy! Nama ati barbaaddu si'itti mudhisa» jetteen. Maarre inni isii woliin gara keessaa yennaa seene, togaan dunkaanaa guunaa gurra Siisera'aatitti danqaramee, du'ee ciiseeruun dhagge.
JDG 4:23 Waaqi guyyaa san mootiin Kana'aanii Yaabiin Israa'eloota akka injifatu godhe.
JDG 4:24 Israa'elooti mootii Kana'aanii Yaabiin ijjumaa haga balleessanutti ittuma jabaatane.
JDG 5:1 Guyyaa san Debora'aa fi ilmi Abiino'aamii Baaraaqi faaruu asii gad jirtu faarfatanee,
JDG 5:2 «Sooressitooti Israa'eloota waan sooressaneef, kolbaalle fedhii ifiitiin duuliisaaf waan murteeffatteef Mootii Waan Maraa galateeffadha'a!
JDG 5:3 «Isin Mootoleen, dhage'a'a! Isin sooreyyiin, caqasa'a! Ani Mootii Waan Maraatiif hin faarsa! Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin leellifadha.
JDG 5:4 «Ee Mootii Waan Maraa, yennaa ati gaara Se'iirii irraa kaate, yennaa ati biyya Edoomii keessa deente latti tachootee, ol-gubbaan bisaan dhangalaatte; duumensille bokkeya roobisiise.
JDG 5:5 Gaaroti Mootii Waan Maraa Waaqa Siina'aa duratti, fuula Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii duratti tacho'ane.
JDG 5:6 «Bara Shamgaarii ilma Anaatii, bara Yaa'elii karaan guddaan one; worri karaa deemulle karaa miliffataatiin deemaniiyyu.
JDG 5:7 Haga guyyaa ani Deboraan Israa'eliif akka haadhaa te'ee ka'etti, qachaan Israa'elii oneera.
JDG 5:8 Achiin duuba Israa'elooti waaqota dur hin beenne yennaa filatane, lolli gara karra qacha'aa dhufe; Israa'eloota kuma afurtama oddu'utti, wonteen yookiin eboon hin dhagganne.
JDG 5:9 Gadhaan kiyya dura aantota worra woraanaa ka Israa'elii, ka fedhii ifiitiin duuliisaaf murteeffate bira jira. Mootii Waan Maraa leellisa'a!
JDG 5:10 «Isin worri harree adaadii irraa teettanu, worri gilaasii seefante irra teettanu, worri karaa irralle deddeentanu, marroo waan kanaa hima'a.
JDG 5:11 Qeexala worra heddu'uu ka adaala boolla bisaaniitii dhage'amu dhage'a'a; qeexalli sun injifachaa Mootii Waan Maraa, injifachaa kolbaa Israa'eliille hima. «Achiin duuba kolbaan Mootii Waan Maraa gara karra qacha'aa gad buute.
JDG 5:12 Debora'a, ka'i, Ka'i! Ka'i, ka'iitii faarfadhu! Baaraaqii ilma Abiino'aamii, atille ka'i! Worra boojite qabadhuu deemi.
JDG 5:13 «Achiin duuba worri hafe gara qondaaltotaa gad bu'ane. Kolbaan Mootii Waan Maraa marroo tiyyaaf worra hunnaameyyii loliisaaf dhutte.
JDG 5:14 Worri dhufelle, sanyii Efreemii keessaa gariin addee dur worri Amaaleqootaa le'u irraa dhufane. Worri dhibiille sanyii Beniyaamii keessaa dhufane. Sanyii Maakiirii keessaa dura aantoti worra woraanaa, sanyii Zebuloon keessaa worri ulee bokku'uu qabatu dhufane.
JDG 5:15 Sooressitooti sanyii Yisaakorii Deboraa woliin dhufane; Baaraaqille sanyii Yisaakorii woliin dhufee, gara dhooqaa isa gula ori'e. Sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee murteeffatiisa hin dandeenne.
JDG 5:16 Maaf odduu gooree hoole'ee teettane? Madha hoole'ee dhage'iisaafii? Eeti'i, sanyiin Ruubenii yennaa dheertuu itti yaadanee murteeffatiisa hin dandeenne.
JDG 5:17 Sanyiin Giil'aad laga Yordaanosii irraa gara aduun baatutti turte; sanyiin Daanii maaf hoboloo guddittii keessa turte? Sanyiin Asheerii qarqara abbaaya'aa, addee buufata hobolo'oo turte.
JDG 5:18 Sanyiin Zebuloonii du'aaf ifi dabarsitee kennite. Sanyiin Niftaalemille koobota woraanaa irratti akkasuma goote.
JDG 5:19 «Moototi dhufanee lolane; yennaa san mootota Kana'aanii qachaa Ta'ana'aatitti bisaan Megidoo biratti lolane ammoo meetii takkaalle, waan dhibiille hin saanne.
JDG 5:20 Urjooti ol-gubbaa irra, daandii ifii irra deemaa Siiseraa lolte.
JDG 5:21 Lagi Qiisonii ka durii durii sun, isaan haree dabare. Lubbuu tiyya, jabaadhuu deem!
JDG 5:22 Fardoon Kotte'een hididditte; gulufaa gulufaa gara fardoo jajjaba Siisaara'aa dhaxxe.
JDG 5:23 Ergamaan Mootii Waan Maraa, ‹Qachaa Merozii abaara'a! Worri qachaa san keessa le'u, Worra hunnaameyyii loliisaan, Mootii Waan Maraa qarqaariisaaf waan hin dhufiniif, akka malee abaara'a› jedhe.
JDG 5:24 «Niitiin Heberii Qenichaa Yaa'el, dubartoota mara caalaa ta hiree dansaa qaddu teetuu ti; dubartoota dunkaanii keessa leetu caalaa ta hiree dansaa qaddu teetuu ti.
JDG 5:25 Siiseraan, bisaan kadhate; isiin ammoo aanan isaaf kennite; qodaa goottole'eetitti itittuu dhikeessiteef.
JDG 5:26 Isiin harka tokkoon togaa dunkaanaa qabattee, harka middaatiin burrisa hojjattootaa qabattee, Siiseraa dhoottee mataa butuchitee, shikaala san guunaa gurra isaatitti dhoottee jalaa fullaache.
JDG 5:27 Inni laafee, miila isi'ii jalatti jige; Adduma jige sanitti du'e.
JDG 5:28 «Haati Siisera'aa karaa foddaa manaatiin gad ilaaltee, iyyitee, ‹Garreettaan fardaan harkifamu ka mucaa kiyyaa maaf ture? hididdeettiin kottee fardaa maaf hin dhage'anne?› jette.
JDG 5:29 Dubartooti tajaajiltooti isi'ii qarooleen, gaaffii isi'iitiif deebii kennane; isiin ifumaan ifiin dubbattee,
JDG 5:30 ‹Isaan boojuu booji'anee, dubartii tokko tokko yookiin lama lama loltoota tokko tokkoofuu, Siisera'aaf woyaa kuula adda addaatiin seefante, morma worra booji'eetiif woyaa kuula adda addaatiin seefante qoodamiisatti jiranii motii?› jette.
JDG 5:31 «Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti marti badanuu ti. Worri si jaalatu ammoo, akka aduun ganamaa akka malee issitu, issanuu ti» jette. Achiin duuba biyya sanitti woggaa afurtama nageenni te'e.
JDG 6:1 Kolbaan Israa'elii ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; tanaaf inni harka worra Miidiyaaniititti dabarsee isaan kenne; isaanille woggaa torba isaan bulchane.
JDG 6:2 Hunni worra Miidiyaanii Isrsaa'eloota irratti waan jabaatteef, kolbaan Israa'elii addee dhokaataa godaa fi kushee jadduu gaara irratti qopheeffatte.
JDG 6:3 Yennaa kolbaan Israa'elii midhaan ifii facaafattu mara, worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi worri lafa gara aduun baatuu le'u dhufee isaan lole.
JDG 6:4 Isaan lafa sanitti qubatanee, midhaan haga adaala Gaaza'aa jiru mara balleessane; horii Israa'elooti ittiin leetu hoolee, loonii fi geejjiba isaanii duudii tokkolle hin lakkinneef.
JDG 6:5 Isaan akka tuuta awwaannisaa, hori'ii fi dunkaana ifii woliin waan dhufaneef, namootaa fi gaalota isaanii laakkowiisa hin dandeenne; isaan dhufanee lafa san balleessane.
JDG 6:6 Worri Miidiyaanii Israa'elootatti deega buusane; tanaaf Israa'elooti akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyite.
JDG 6:7 Yennaa Israa'elooti sababa worra Miidiyaaniitiif gara Mootii Waan Maraa iyyite,
JDG 6:8 Mootiin Waan Maraa raagaa tokko gara isaanii erge; innille isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani biyya Gibxi'ii lafa garbumma'aa keessaa isin baaseera.
JDG 6:9 Ani harka worra Gibxi'iitii fi harka worra isin cunqursuu mara jalaa isin baaseera; Kana'aanota isin duraa ari'ee, lafa isaaniille isiniif kenneera.
JDG 6:10 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; waaqota worra Amoorotaa ka lafa keessa leetanuu akka hin sodaanne isinitti himeeraayyu; isin ammoo na hin dhageenne› jedheera» jedhe.
JDG 6:11 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa dhufee, qilxaa ollaa «Ofraa» jedhamu keessa jiru tokko jala tee'e; qilxaan sun ka Yo'aasii sanyii Abii'ezerii ti; yennaa san Giidewon ilmi Yo'aasii worra Miidiyaanii jalaa dhoffatiisaaf, addee woynii itti cunfanutti qamadii dhowatiisatti jiraayyu.
JDG 6:12 Achitti ergamaan Mootii Waan Maraa isatti mudhatee, «Ee nama jabaa janna! Mootiin Waan Maraa si woliin jira» jedheen.
JDG 6:13 Giidewon deebisee, «Ee goottaa kiyya! Mootiin Waan Maraa nu woliin adoo jiraate, wonni kun marti maaf nu dhaqqadde ree? Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase, bilbaasi inni godhe ta abbootiin teenna nutti hinte meet ree? Amma ammoo, Waaqi nu gatee harka worra Miidiyaaniititti dabarsee nu kenneera» jedheen.
JDG 6:14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa gara isaa deebi'ee, «Hunna jadduu teeti tanaan dhaqi! Israa'eloota harka worra Miidiyaanii jalaa akka baattuuf ani si ergaara» jedhe.
JDG 6:15 Giidewon deebisee, «Ee goottaa kiyya, ani attamiin Israa'el hamburuu dande'a? Firri kiyya fira Minaase'ee keessaa fira diqqa'a; anille maatii tiyya keessaa maandhicha» jedhe.
JDG 6:16 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani si woliin waan jiruuf, worra Miidiyaanii duudii akka nama tokkochaa hin butuchita» jedheen.
JDG 6:17 Giidewonille deebisee Mootiin Waan Maraatiin, «Ani amma si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, ka na woliin dubbatiisatti jirtu dhugumaan si akka teete akka mirkaneeffadhuuf beessisa naaf kenni.
JDG 6:18 Haga ani kennansa fidee sii dhikeessutti, maganne'e asii hin deemin» jedhe. Mootiin Waan Maraalle, «Haga ati deebitutti hin eega» jedheen.
JDG 6:19 Maarre Giidewon gara mana ifii dhaqee, buruusoo re'e'ee qalee iffeelee, bullaa kiiloo kudhan fuudhee, daabboo uukoo hin qanne bilcheesse. Inni foon kollonjoo keessa keyee, bisaan foonii okkote'etti naqee, qilxaa jalatti ergamaa Waaqaatiif dhikeesse.
JDG 6:20 Ergamaan Waaqaalle Giidewoniin, «Foonii fi daabboo uukoo hin qanne san rassaa kana irra keyiitii, bisaan foonii itti naqi» jedhe. Giidewonille akkuma inni jedhe godhe.
JDG 6:21 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, qaccee ulee harka ifiititti qabateeruun foonii fi daabboo uukoo hin qanne san tuqe; ibiddi rassaa keessaa bobe'ee, foonii fi daabboo uukoo hin qanne san nyaatee fixe. Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa Giidewon biraa deeme.
JDG 6:22 Giidewon ergamaa Mootii Waan Maraa akka dhagge yennaa hubate, «Maalo'o, Gootta'a Mootii Waan Maraa, ani ergamaa keeti dura dhaabbadhee ila tiyyaan waan dhaggeef, naaf aanne'e!» jedhe.
JDG 6:23 Mootiin Waan Maraa ammoo Giidewoniin, «Nageenni sii te'u! Hin sodaatin; hin duutu» jedhe.
JDG 6:24 Giidewon achitti Mootii Waan Maraatiif addee ciinca'aa ijaaree, «Mootiin Waan Maraa, Mootii Waan Maraa ka Nageyaa ti» jedhee moggaase. Addeen ciinca'aa sun haga adhaalle qachaa «Ofraa» jedhamu ka sanyii Abii'ezerii keessa jirti.
JDG 6:25 Halkan san Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Korommii abbaa keetiitii fi korommii dhibii ka woggaa torbaa fuudhi; addee ciinca'aa ta abbaan keeti Ba'aaliif ijaare diigiitii, utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu, ka cinaa san jiru butuchi jissi.
JDG 6:26 Tuulaa bututa sanii irratti, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif addee ciinca'aa haala sirrii te'een ijaari; achiin duuba korma lammeesso'oo fuudhii qaliitii, qoraan utubaa Asheera'aa ka butuchitee jissite saniin, ciincaa dhikeessi» jedhe.
JDG 6:27 Maarre Giidewon tajaajiltoota ifii keessaa nama kudhan fuudhee, akkuma Mootiin Waan Maraa isatti hime godhe. Inni guyya'aan tana godhiisaaf, maatii ifiitii fi worra qachaa sanii guddoo waan sodaateef, halkaniin godhe.
JDG 6:28 Worri qachaa keessaa boruyyaa barii ganama yennaa ka'e, addeen ciinca'aa ta Ba'aalii diigantee, utubaan waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu bututee, addee ciinca'aaf ijaarante irralle'etti, kormi lammeesso'oo ciinceffameeraayyu.
JDG 6:29 Isaan, «Tana ka godhe eennu?» jedhanee wol gagaafatane; guddoo qorqoraneen duuba tana ka godhe Giidewonii ilma Yo'aasii akka te'e beekane.
JDG 6:30 Achiin duuba isaan Yo'aasiin, «Ilmi keeti addee ciinca'aa ta Ba'aalii diigee, utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu, ka addee ciinca'aa bira jiru waan butucheef, akka ijjeennuuf gad nuu baasi!» jedhane.
JDG 6:31 Yo'aas ammoo worra isa marsanee dhaabbataneeranu duudi'iin, «Isin Ba'aaliif falmitanii? Yookiin isaaf golii teetanii? Nami isaaf falmu duudiin boru ganama hin ijjeefama. Ba'aal waaqa yoo te'e, nama addee ciinca'aa butuchee jisse san inninuu falmatuu ti!» jedhe.
JDG 6:32 Tanaaf Giidewon addee ciinca'aa ta Ba'aalii butuchee waan jisseef, guyyaa sanii jalqabee, «Yiruub-Ba'aal» jedhamee waamame. Afaan Ibrootaatiin, «Yiruub-Ba'aal» jechuun, «Ba'aal ifumaafuu falmatuu ti» jechu'u.
JDG 6:33 Achiin duuba worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi worri gara lafa baya adu'uu wolitti qabamee, laga Yordaanosii gamatti bu'ee, dhooqa Yizre'elii keessatti qubate.
JDG 6:34 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Giidewon irratti bu'e; innille sanyiin Abii'ezerii akka isa hordottuuf tultullaa afuufe.
JDG 6:35 Inni gosi Minaase'ee duudiin akka isa hordottuuf itti ergee waansise; inni ammalle gosa Asheeriititti, gosa Zebulooniitii fi gosa Niftaalemiititti erge; isaaniille Giidewonii fi namoota isaa woliin wol dhaggiisaaf ol bayane.
JDG 6:36 Achiin duuba Giidewon Waaqaan, «Ati akkuma ani Israa'eloota harkuma kiyyaan baasuuf dubbatte,
JDG 6:37 kunoo ani rifeensa hoole'ee ka quxame eeddummee keessa hin keya; boru ganama latti marti goddee, rifeensa hoole'ee ka quxame san qofa irra fixeensi yoo jiraate, ati Israa'eloota harkuma kiyyaan akka baattu ani hin beeka» jedhe.
JDG 6:38 Wonni kunille akkuma inni jedhe teete. Giidewon boruyyaa ganama ka'ee, rifeensa hoole'ee quxame san yennaa miice, bisaan qorii tokko guutu keessaa baye.
JDG 6:39 Achiin duuba Giidewon Waaqaan, «Ammalle gaaffii tokko si gaafadha, maganne'e natti hin aariin; rifeensi hoole'ee ka quxame sun gogee, lafa duudii irratti fixeensi akka itti bu'u godhi» jedhe.
JDG 6:40 Halkan san Waaqi akkuma san godhe. Rifeensi hoole'ee ka quxame sun callaan gogee, lafa duudii irratti fixeensi bu'e.
JDG 7:1 Boruyyaa ganama Giidewon ka, «Yiruub-Ba'aal» jedhamee fi worri isa woliin jiru marti barii ganama ka'anee, madda Haarodii bira qubatane; worri Miidiyaanii ammoo, addee isaan qubatane irraa gara kaabaatitti, kooba Mooree bira dhooqa keessa qubatane.
JDG 7:2 Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Worra Miidiyaanii harka isaaniititti dabarsee akka hin kennine, worri si woliin jiru heddu'u; Israa'elooti, ‹Hunnuma teennaan injifanne› jedhanee akka na irratti hin koorre,
JDG 7:3 ‹Eennulle ka sodaatee sheephisu yoo jiraate, gaara Giil'aadii irraa ka'ee, gara mana ifii deebi'uu ti› jedhii lallabi» jedhe; tanaaf namooti kum diddamii lama gara manaa deebi'anee, namooti kum kudhan achitti hafane.
JDG 7:4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Ammalle namooti si woliin jiranu akka malee heddu'u; isaan gara bisaanii gad geessi; anille achitti gargar siif hin fowa. Nami ani, ‹Inni si woliin deemuu ti› jedhu, deemuu ti; nami ani, ‹Inni si woliin hin deemin› jedhu, hin deemin» jedhe.
JDG 7:5 Giidewon namoota gara bisaanii geesse; Mootiin Waan Maraalle, «Nama akka sare'ee arraba ifiitiin bisaan laccisuu fi nama jilbiiffatee, bisaan unu gargar baasi» jedhe.
JDG 7:6 Laakkossi worra ooboo harka ifiitiin bisaan unee dhibba sad; worri hafe marti ammoo jilbiiffatee une.
JDG 7:7 Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Namoota dhibba sad, worra ooboo harka ifiitiin bisaan uneetiin, ani isin hin baasa; worra Miidiyaanii harka keessanitti dabarsee hin kenna; worri hafe marti gara mana ifii deebi'uu ti» jedhe.
JDG 7:8 Tanaaf Giidewon, galaa isaaniitii fi tultullaa isaanii irraa fuudhee gara mana isaanii isaan deebise; namoota dhibba sad san ammoo, ifi biratti hamburate; yennaa san worri Miidiyaanii isaaniin jala dhooqa keessatti qubateeraayyu.
JDG 7:9 Halkanuma san Mootiin Waan Maraa Giidewoniin, «Ani worra Miidiyaanii harka keetitti dabarsee waan kennuuf, ka'iitii quttuma isaanii san loli.
JDG 7:10 Loliisa yoo sodaatte ammoo, tajaajilaa keeti Phuraa woliin gara quttumaa gad bu'i.
JDG 7:11 Ati waan isaan jedhanu dhageetteen duuba, quttuma san loliisaaf jajjabeenna hin dhaggatta» jedhe. Achiin duuba Giidewon tajaajilaa ifii Phuraa woliin, gara qarqara quttuma sanii gad dhaqane.
JDG 7:12 Worri Miidiyaanii, worri Amaaleqiitii fi kolbaan gara lafa baya adu'uu marti, akka heechaa awwaannisaa heddatanee, dhooqa keessa qubataneeraniiyyu; bacinni gaalota isaaniille akka maansa qarqara abbaaya'aa ka hin laakkowannee ti.
JDG 7:13 Yennaa Giidewon achi geye, nami tokko oojjuu oojjate takka, jaala ifiititti himiisatti jiraayyu. Inni, «Ani oojju'uun daabboon garbu'uu gara quttuma keennaa konkolaattee, gara dunkaanaa dhuttee dhoottee garagalchite; dunkaaniille jidde» jedhe.
JDG 7:14 Jaalli isaa deebisee, «Hiikkaan oojjuu tanaa shallaagaa Giidewonii ilma Yo'aasii nama Israa'elii ti malee, waan dhibi'itti hin hiikantu; Waaqi worra Miidiyaaniitii fi loltoota isaanii duudii harka isaatitti dabarsee kenneera» jedhe.
JDG 7:15 Giidewon oojju'uu fi hiikkaa isi'ii yennaa dhage'e, jilbiiffatee Mootii Waan Maraatiif sagade. Achiin duuba gara quttuma Israa'elootaa deebi'ee, «Loltoota worra Miidiyaanii, Mootiin Waan Maraa harka keessanitti dabarsee waan kenneef, ka'a'a!» jedheen.
JDG 7:16 Inni namoota dhibba sad san golii saditti qoodee, tultulla'aa fi okkotee duwwaa xassaa ifi keessaa qaddu, tokko tokkoo isaaniitiif kenne.
JDG 7:17 Inni isaaniin, «Na ilaala'aatii, waan ani godhu godha'a; yennaa ani qarqara quttumaa gewu, akkuma ani godhu isinille godha'a.
JDG 7:18 Anii fi worri na woliin jiru tultullaa yennaa afuunnu, isinille adaala quttumaa maratti afuufaa, ‹Mootii Waan Maraatii fi Giidewoniif lola'a!› jedha'aatii iyya'a» jedhe.
JDG 7:19 Giidewonii fi namooti dhibbi tokko worri isa woliin jiru, halkan wodhakka'aan dura, worri eeddotaa ka halkan kutaa lammeesso'oo keessa eegu, jijjiiramaneen duuba dhufane; isaan tultullaa afuufanee, okkotoota harkatti qabataneeranu caccassane.
JDG 7:20 Maarre goliin sadiinuu tultullaa ifii afuuttee, okkotee san caccassitee, harka ifii bitaachatti xassaa, harka ifii middichatti tultullaa qabattee, «Mootii Waan Maraatii fi Giidewoniif hin lolla» jedhaa iyyite.
JDG 7:21 Nami tokko tokkonuu adaala quttumaa maratti addee qabatee waan dhaabbateef, worri Miidiyaanii ka quttuma keessaa marti iyyaa iyyaa baqatane.
JDG 7:22 Namooti Giidewonii dhibbi sadiin sun tultullaa ifii yennaa afuufane, Mootiin Waan Maraa loltooti Miidiyaanii shallaaga'aan akka wolitti ka'anu godhe; isaan shallaaga'aan wol lolanee, gara qachaa Zereera'aatitti fuula galane gara qachaa Bet-shitaahititti, achille'een haga meessaa qachaa Abeel-meholaa ka Xabaat bira jiruutitti baqatane.
JDG 7:23 Israa'elootille gosa Niftaalemii, gosa Asheeriitii fi gosa Minaase'ee duudii keessaa waamamanee, worra Miidiyaanii ari'ane.
JDG 7:24 Giidewon worra biyya koobittii Efreemii gubbaa le'u maratti namoota ergee, «Gara worra Miidiyaanii gad bu'a'aatii isaan lola'aatii, laga Yordaanosii haga Bet-baraatii adoo isaan hin qabatin dura qabadha'a» jedhe. Tanaaf namooti Efreemii marti waamamanee, laga Yordaanosii haga Bet-bara'aatitti qabatane.
JDG 7:25 Isaan sooreyyii Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb booji'anee, Oreeb addee rassaa maqaa isaatiin, «Oreeb» jedhamee moggaafametti, Ze'eebille addee Cunfaa woyni'ii ta maqaa isaatiin, «Ze'eeb» jedhantee moggaafantetti ijjeesane; mataa Oreebiitii fi mataa Ze'eebii kutanee, gara Giidewonii, ka laga Yordaanosiitiin gama gara lafa baya adu'uu jirutti geessane.
JDG 8:1 Achiin duuba kolbaan Efreemii Giidewoniin, «Ati worra Miidiyaanii loliisaaf yennaa baate, maaf nu waamuu dhadde? Maaf akkas nu goote?» jedhanee guddoo isa komatane.
JDG 8:2 Inni ammoo isaaniin, «Ani ka huje irra, ka isin hujjane hin caaluu ree? Woxoon midhaan woyni'ii ka sanyiin Efreemii qocce, ka sanyiin Abii'ezerii qoccee galchite mara hin caalaa motii ree?
JDG 8:3 Waaqi sooreyyii gugurdoo worra Miidiyaanii lamaan, Oreebii fi Ze'eeb harka keessanitti dabarsee kenneera. Ani ammoo haga isin hujjane kana maan huje ree?» jedhe. Inni yennaa tana isaaniin jedhe, aarii caffatane.
JDG 8:4 Giidewonii fi namooti dhibbi sad isa woliin jiranu, gara laga Yordaanosii dhufanee gamatti bu'ane; isaan dadhabanulle diinota ari'iisa hin lakkinne.
JDG 8:5 Qachaa Suukootii yennaa geyane Giidewon namoota qachaa keessa jiranuun, «Namooti na gula yaa'anu kun dadhabaneeran; maganne'e sagalee kenna'aaf; anille mootota Miidiyaanii, Zeba'aa fi Zalmunaa ari'iisatti jira» jedhe.
JDG 8:6 Qondaaltoti Suukootii ammoo, «Ati haga ammaa Zeba'aa fi Zalmunaa hin boojine, nuuti maaf sagalee loltoota keetiif kennina ree?» jedhane.
JDG 8:7 Maarre Giidewon, «Dansa'a! Mootiin Waan Maraa yennaa Zeba'aa fi Zalmunaa harka kiyyatti dabarsee kenne, qore'ee fi qumi'uuduu goomole'eetiin nafa keessan babbassa» jedhe.
JDG 8:8 Achiin ka'ee Giidewon gara qachaa Pheeni'elii dhaqee, gaaffuma san isaan gaafate; namooti qachaa Pheeni'eliille deebuma kolbaan Suukootii deebitte deebisane.
JDG 8:9 Maarre Giidewon kolbaa Pheeni'eliitiin, «Injifacha'aan yennaa deebi'u, xelleephoo qachaa keessan ittiin eegattanu tana hin diiga» jedhe.
JDG 8:10 Yennaa san Zeba'aa fi Zalmunaan loltoota ifii woliin qachaa Qarqorii keessa jiraniiyyu. Loltooti kum dhibba tokkoo fi kum diddam waan ijjeefamaneef, loltoota kolbaa gara lafa baya adu'uu mara keessaa, loltoota gara kuma kudhanii shaniititti hafe.
JDG 8:11 Maarre Giidewon karaa worri hori'iin godaanu, ka Noba'aa fi Yogbehaa irraa gara baya adu'uu jiruu dhaqee, loltoota dedhuma jiranu san lole.
JDG 8:12 Moototi worra Miidiyaanii lamaanuu Zeba'aa fi Zalmunaan baqatane; Giidewon ammoo isaan ari'ee booji'e; loltoota isaaniille mara bararasse.
JDG 8:13 Giidewon ilmi Yo'aasii karaa Haaresitti dabaruun lola irraa yennaa deebi'e,
JDG 8:14 namoota Suukootii keessaa dargaggeessa tokko qabee, qorqore; dargaggeessille maqaa qondaaltotaatii fi jaarsolee qachaa Suukootii torbaatamii fi torba barreesseef.
JDG 8:15 Achiin duuba Giidewon gara kolbaa qachaa Suukootii dhaqee, «Zeba'aa fi Zalmunaan ka isin marroo isaaniitiif, ‹Ati haga ammaa Zeba'aa fi Zalmunaa hin boojine, nuuti loltoota dadhaddeef maaf sagalee kennina ree?› jedhaa natti murgitanu, kunoo ti» jedheen.
JDG 8:16 Saniin duuba inni, jaarsolee qachaa Suukootii fuudhee, qore'ee fi qumi'uudu'uun babbassee adabiisaan, kolbaa Suukootii barsiise.
JDG 8:17 Inni xelleephoo qachaa Pheeni'eliille diigee, namoota qachaa san keessa jiranulle ijjeese.
JDG 8:18 Achiin duuba Giidewon Zeba'aa fi Zalmunaaniin, «Isin namoota attamii Taaboritti ijjeettane?» jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanee, «Isaan si fakkaatan; tokko tokkoon isaaniituu ilmaan mooti'ii fakkaatan» jedhaneen.
JDG 8:19 Giidewon deebisee, «Isaan obboleeyyan tiyya, ilmaan haadha tiyyaa ti; dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, adoo isin isaan ijjeesuu dhaddanee jiraattane, anille isin hin ijjeesuuyyu» isaaniin jedhe.
JDG 8:20 Achiin duuba inni Yeterii ilma ifii angafichaan, «Ka'iitii jara tana ijjeesi!» jedhe. Yeter ammoo mucaa diqqaa waan te'eef sodaatee, shallaagaa ifii hin buqqifanne.
JDG 8:21 Achiin duuba Zeba'aa fi Zalmunaan, «Jabeenni namaa haguma abbichaa ti; tanaaf atinuu ka'iitii nu ijjeesi» jennaan, Giidewon ka'ee isaan ijjeesee, meya seesaa ka morma gaala isaanii irra jiru fudhate.
JDG 8:22 Saniin duuba Israa'elooti Giidewoniin, «Harka worra Miidiyaanii jalaa waan nu baatteef, ati, ilmi keetii fi ilmi ilma keetii bulchitoota teenna te'a'a» jedhane.
JDG 8:23 Giidewon deebisee, «Mootiin Waan Maraa isin bulchuu ti malee, ani isin hin bulchu; ilmi kiyyalle isin hin bulchu» jedhe.
JDG 8:24 Inni ammalle isaaniin, «Ani waan isin gaafadhu tokko qaba; tokko tokkoon keessan waan boojitane keessaa qubee worqi'ii ta gurraa naaf kenna'a» jedhe; qubee worqi'ii ta gurraa gurratti keyatiis aadaa worra Ishimaa'elootaa ti.
JDG 8:25 Isaanille deebisanee, «Gammadaan siif hin kennina» jedhanee, woyaa ifii lafatti afanee, tokko tokkoon isaaniituu waan booji'ane keessaa, qubee worqi'ii ta gurraa achi irra keyane.
JDG 8:26 Qubeen worqi'ii ta gurraa ta Giidewon fudhate sun, seesa dhibii, seesa mormaa ka adda addaa, woyaa dhiillee moototi Miidiyaanii uffattu, akkasuma seesa morma gaalaatitti dirame adoo itti hin dabalin, gara kiiloo diddamaa ti.
JDG 8:27 Giidewon worqii san irraa woyaa hayyumma'aa ta qomaa hujee, qachaa ifii ka «Ofraa» jedhamu keessa keye. Israa'elooti martinuu Waaqaaf addatamuu dhabanee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa san waaqonfatane; wonni kunille Giidewonii fi maatii isaatiif tiyyoo teete.
JDG 8:28 Maarre worri Miidiyaanii worra Israa'elootaatiin injifatamane; deebi'aneelle mataa ol hin qabanne; bara Giidewonii keessa woggaa afurtama latti nageya dhaggatte.
JDG 8:29 Giidewon ilmi Yo'aasii gara mana ifii deebi'ee, achi le'e.
JDG 8:30 Inni niitota hedduu waan qabuuf, ilmaan torbaatama qabaayyu.
JDG 8:31 Gursumeettiin isaa ta Sheekem keessa leetu takkalle, ilma deetteef; innille maqaa isaa «Abiimelek» jedhee baase.
JDG 8:32 Giidewon ilmi Yo'aasii guddatee dulloomee du'ee, qachaa Ofra'aa ka sanyii Abii'ezerii keessatti, addee awwaala abbaa ifii keessatti awwaalame.
JDG 8:33 Akkuma Giidewon du'een, kolbaan Israa'elii Waaqaaf addatamuu dhaddee Ba'aal Waaqa dharaa waaqonfattee, Ba'aal-beriiti Waaqa ifii godhatte.
JDG 8:34 Israa'elooti Mootii Waan Maraa Waaqa ifii, ka diinota adaala isaanii jiranu duudii jalaa isaan baase dedhane.
JDG 8:35 Akkasuma isaan waan dansaa Giidewon ka «Yiruub-Ba'aal» jedhame, kolbaa Israa'eliitiif godhe maraaf, maatii isaatiif nama galataa hin teene.
JDG 9:1 Ilmi Giidewonii Abiimelek gara qachaa Sheekemii, addee firri haadha isaa duudiin keessa le'u dhaqee, isaaniin
JDG 9:2 «Worra qachaa Sheekemii keessa le'u duudi'iin, ‹Ilmaan Giidewonii torbaatam marti, isin bulchitu woyya moo nami tokko callaan isin bulchu woyyaa?› jedha'aatii gaafadha'a. Ani dhiigaa fi foon keessan akka te'elle qaabadha'a» jedheen.
JDG 9:3 Firri haadha isaa marroo Abiimelekiitiif, namoota qachaa Sheekemiititti dubbatane; namooti Sheekemille, «Inni obboleessa» jedhanee, isa hordofiisaaf murteeffatane.
JDG 9:4 Isaan galma Ba'aal-beriitii keessaa, meetii torbaatama fuudhanee isaaf kennane; Abiimelekille namoota siyyaayye'ee fi boru-hinbeennee qaxaratee akka isa gula deemanu godhe.
JDG 9:5 Inni gara mana abbaa ifii ka qachaa Ofra'aa keessaa dhaqee, ilmaan Giidewonii, obboleeyyan ifii torbaatama dhakaa tokkocha irratti ijjeese; ilmi Giidewonii maandhichi Yotaam ammoo waan dhokateef hafe.
JDG 9:6 Achiin duuba namooti Sheekemiitii fi Bet-Miilo'oo marti wolitti qabamanee, qilxaa Sheekem keessa ka utubaa dhaka'aa bira jirutti, Abiimelek mootii godhatane.
JDG 9:7 Yotaam yennaa waan kana dhage'e, qaccee gaara Geriiziimiititti ol bayee, «Isin worra Sheekemii, na caqasa'a! Waaqille isin hin caqasa.
JDG 9:8 Gaafa tokko mukooti wolitti qabamanee mootii ifi irratti moosifatiisaaf bayanee, muka ejersaatiin, ‹Nu irratti mootii te'i› jedhane.
JDG 9:9 Muki ejersaa deebisee, ‹Isin bulchiisaaf jedhee, zayitii tiyya ta waaqotii fi namooti ulfinna ittiin dhaggatanu kennuu lakkisa ree?› jedhe.
JDG 9:10 Achiin duuba mukooti muka harru'uutiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane.
JDG 9:11 Muki harru'uu ammoo deebisee, ‹Isin bulchiisaaf jedhee, midhaan mi'awa'aa fi dansaa kiyya buusuu lakkisaa ree?› jedhe.
JDG 9:12 «Achiin duuba mukooti muka woyni'iitiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane.
JDG 9:13 Muki woyni'ii ammoo deebisee, ‹Ani isin bulchiisaaf jedhee, midhaan kiyya ka daadhii woyni'iin te'ee waaqotaa fi namoota gammachiisu buusuu lakkisaa ree?› jedhe.
JDG 9:14 Maarre mukooti duudiin tusee qore'eetiin, ‹Koyiitii nu irratti mootii te'i› jedhane.
JDG 9:15 Tuseen qore'eelle mukootaan, ‹Dhugumaan yoo mootii keessan na godhatiisa barbaaddane, kowa'aatii gaaddisa kiyya jalatti qubadha'a. Yoo tana hin godhin, ibiddi dameelee qore'ee tiyya keessaa bayee, hindheensa Libaanosii gubuu ti› jette.
JDG 9:16 «Tanaaf amma, Abiimelek yennaa mootii gootane qajeelumma'aa fi dhuga'aan yoo te'e, akkuma Giidewon isiniif godhe, isinille isaa fi maatii isaatiif waan dansaa yoo gootanee jiraattane,
JDG 9:17 abbaan kiyya isiniif lolee, harka worra Miidiyaanii jalaa isin baasiisaaf, jiruu ifii dabarsee akka kenne qaabadha'a.
JDG 9:18 Adha ammoo isin maatii abbaa kiyyaa irratti kaatanee, ilmaan isaa torbaatama dhakaa tokkocha irratti fixxanee, Abiimelek ka garbittii irraa dhalate obboleessa keessan waan te'eef, worra Sheekemii irratti mootii gootane.
JDG 9:19 Amma yoona, wonni isin Giidewonii fi maatii isaatiif gootane, qajeelumma'aa fi dhuga'aan yoo teete, Abiimelekitti gammada'a; innille isinitti gammaduu ti.
JDG 9:20 Yoo tun hin te'in ammoo, Abiimelek irraa ibiddi ka'ee, worra Sheekemiitii fi worra Bet-Miilo'oo gubee fixuu ti; akkasuma ibiddi worra Sheekemiitii fi worra Bet-Miilo'oo irraa ka'ee, Abiimelek gubee fixuu ti» jedhe.
JDG 9:21 Achiin duuba Yotaam obboleessa ifii Abiimelek waan sodaateef gara qachaa «Be'eer» jedhamuu baqatee achi le'e.
JDG 9:22 Abiimelek haga woggaa sadii Israa'eloota bulche.
JDG 9:23 Achiin duuba Waaqi, ayyaana hamaa ka Abiimelekii fi worra Sheekemii wolitti kaasu erge; worri Sheekemiille Abiimelek irratti ka'e.
JDG 9:24 Marroo dhiiga ilmaan Giidewonii torbaatamaa, ka dhangala'ee, Abiimelekii obboleeyyan ifii ijjeesee fi akka inni obboleeyyan ifii ijjeesu ka isa jajjabeesse, worra Sheekemii haluu bayiisaaf Waaqi tana godhe.
JDG 9:25 Tanaaf worri Sheekemii Abiimelek irratti ka'ee, qaccee gaaraa irratti namoota riphanee isa eeganu keyanee, namooti sun worra karaa san taru duudii saamane. Abiimelekille waan kana mara dhage'e.
JDG 9:26 Achiin duuba ilmi Ebeedii Ga'aal obboleeyyan ifii woliin gara qachaa Sheekemii dhufe; worri Sheekemiille isatti addii godhatane.
JDG 9:27 Isaan duudiin gara fichaa woynii ifii dhaqanee, midhaan woyni'ii guuratanee daadhii woyni'ii cunfanee jila jilifatane. Achiin duuba isaan gara galma waaqa ifii seenanee nyaatanee unanee Abiimelek abaarane.
JDG 9:28 Ilmi Ebeedii Ga'aal, «Nuuti worri sheekemii ka isa tajaajillu, Abiimelek eennu inni? Inni ilma Giidewonii, Zebulille ajajaan isaa gadii, namoota sanyii Hamoorii abbaa Sheekemii worra tajaajilanee motii? Nuuti maaf isa tajaajilla ree?
JDG 9:29 Kolbaa tana ka sooressu adoo na te'e Abiimelekiin, ‹Loltoota teeti mara waammadhuutii, bayii loli› jedhee, barcumaa isaa irraa isa hin buusaayyu» jedhe.
JDG 9:30 Zebul bulchaan qachaa sanii, waan ilmi Ebeedii Ga'aal jedhe yennaa dhage'e, aaree bobe'e.
JDG 9:31 Inni Abiimelekii Arumaa keessa jirutti malaan namoota ergee, «Ilmi Ebeedi Ga'aalii fi obboleeyyan isaa gara qachaa Sheekemii dhufanee, namoota qacha'aa si irratti kakkaasaneeran;
JDG 9:32 Tanaaf amma, atii fi loltooti teeti halkaniin baya'aatii, fichaa keessatti ripha'aa eega'a.
JDG 9:33 Boru ganama yennaa aduun baatu, qachaa san ariiti'iin ilaala'a. Ga'aalii fi namooti isaa isin loliisaaf yennaa gad bayanu, haga dandeettane lola'a» jedhe.
JDG 9:34 Maarre Abiimelekii fi loltootii isaa duudiin halkaniin ka'anee, golii afuritti qoodamanee, qachaa Sheekemii biratti riphanee eegane.
JDG 9:35 Ilmi Ebeedii Ga'aal bayee, seensuma karra qacha'aa keessa dhaabbateeruun yennaa dhaggane, Abiimelekii fi loltooti isaa addee riphaneeranuu bayane.
JDG 9:36 Ga'aal yennaa isaan dhagge, Zebuliin, «Ilaal! Kolbaan qaccee gaaraa irraa gad bu'iisatti jirti» jedhe. Zebulille isaan, «Gaaddisa gaarota irraatitti kolbaa sitti fakkaate» jedhe.
JDG 9:37 Ammalle Ga'aal, «Ilaal! Kolbaan hidha gaaraa irraa gad bu'iisatti jirti; goliin tokko ammoo, karaa qilxaa worra moruutiin dhufiisatti jirti» jedhe.
JDG 9:38 Achiin duuba Zebul isaan, « ‹Akka isa tajaajilluuf Abiimelek eennu inni?› jettee ka ati bookkitte amma meet ree? Worri ati tuffatte isaan kanaa motii? Amma gad bayiitii isaan woliin loli» jedhe.
JDG 9:39 Maarre Ga'aal worra Sheekemii sooressaa gad bayee, Abiimelek woliin lole.
JDG 9:40 Abiimelek Ga'aal ari'e; Ga'aalille isa dura dheete; haga seensuma karra qacha'aa bira geyanutti worri hedduun madowanee jigane.
JDG 9:41 Abiimelek Arumaa keessa le'e; Zebulille Ga'aalii fi obboleeyyan isaa qachaa Sheekemii keessa akka hin leene ari'ee baase.
JDG 9:42 Boruyyaa ganama worri Sheekemii gara fichaa ifii akka dhaqaaranu Abiimelek dhage'ee,
JDG 9:43 loltoota ifii fudhatee, golii saditti qoodee, fichaa keessatti riphee isaan eege. Inni namooti qachaa keessaa bayaaranuun yennaa dhagge, addee riphee ka'ee isaan ijjeese.
JDG 9:44 Abiimelekii fi goliin isa woliin jirtu, seensuma karra qacha'aa eegiisaaf ariifatanee bayanee balbala seensuma karra qacha'aa san dura dhaabbatane; goliin lama hattelle, namoota fichaa keessa jiranu maratti fiiganee ijjeesane.
JDG 9:45 Abiimelek guyyaa guutuu qachaa san lole; inni qachaa san qabatee; kolbaa qachaa san keessa jirtulle ijjeese; inni qachaa san diigee, soodda itti facaase.
JDG 9:46 Worri xelleephoo qachaa Sheekemii keessaa duudiin, yennaa waan kana dhage'ane, kushee galma Ba'aal-beriitii keessa seenane.
JDG 9:47 Abiimelekille akka isaan achitti wolitti qabamane dhage'e.
JDG 9:48 Tanaaf inni loltoota isa woliin jirtu mara woliin gara gaara Zaalmonii ol bayee; agaraa fudhatee damee mukaa muree, gurmuu ifiititti kaafate. Achiin duuba worra isa gula deemuun, «Ariifadha'aatii waan ani godhuun dhaggitane, isinille ariifadha'aatii akkasuma godha'a» jedhe.
JDG 9:49 Maarre nami marti damee mukaa muree, Abiimelek gula deeme; damee mukaa san kushe'etti irkisanee tuulanee, namooti adoo kushee san keessa jiranuu ibiddaan gubane; tanaaf worri xelleephoo Sheekemii keessa jiru duudiille, dhiirtii fi dubartooti gara kuma tokkoo du'ane.
JDG 9:50 Achiin duuba Abiimelek gara qachaa Tebezii dhaqee, qachaa san marsee qabate.
JDG 9:51 Qachaa san keessa xelleephoon jadduun takka waan jirtuuf, worri qachaa sanii dhiirtii fi dubartiin marti, sooressitooti martinuu gara xelleephoo sanii baqatanee seenane; balbalalle gara keessaatiin ifitti cufatanee, xelleephoo irra ol bayane.
JDG 9:52 Abiimelek adoo loluu xelleephoo san bira geyee, ibiddaan gubiisaaf gara seensuma xelleephoo sanii dhikaate.
JDG 9:53 Dubartiin takka ammoo, ilmaachuu daaku'uu mataa Abiimelekiititti qolaansitee, buqqii mataa isaa buttuchite.
JDG 9:54 Yoosuma inni, dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'ateeru waamee, «Akka kolbaan, ‹Dubartii takkatti isa ijjeese› akka naan hin jenne, shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi» jedheen. Tanaaf dargaggeessi shallaaga'aan hordee isa ijjeese.
JDG 9:55 Israa'elooti Abiimelek akka du'e yennaa dhaggane, isaan martinuu gara mana ifii deemane.
JDG 9:56 Waaqi akka kanaan, yakkaa Abiimelek obboleeyyan ifii torbaatama ijjeesiisaan, abbaa ifii yakkeef gatii isaaf kenne.
JDG 9:57 Akkasuma Waaqi hammeenna kolbaa Sheekemiille, mataa isaaniititti deebisee, abaarsi Yotaamii ilma Giidewoniille isaan dhaqqabe.
JDG 10:1 Abiimelek du'een duuba, akaakoon Dodoo ilmi Phuwaa Tolaan nami gosa Yisaakorii, ka biyya Efreemii koobittii keessa addee, «Sahaamir» jedhantu le'u, Israa'el bilisa baasiisaaf ka'e.
JDG 10:2 Inni woggaa diddamii sad Israa'eloota bulche; achiin duuba du'ee Shaamiiritti awwaalame.
JDG 10:3 Tolaan du'een duuba Yaa'iir sanyiin Giil'aadii ka'ee, woggaa diddamii lama Israa'eloota bulche.
JDG 10:4 Yaa'iir ilmaan soddoma ta harree soddoma irra teettee deentu qabaayyu; isaan lafa Giil'aadii keessatti qachoota soddoma qabaniiyyu; qachooti sun haga adhaalle olloota Yaa'iirii jedhamanee waamaman.
JDG 10:5 Yaa'iir du'ee addee «Qaamon» jedhantutti awwaalame.
JDG 10:6 Israa'elooti ammalle, waaqota Ba'aaliitii fi Ashitaarotii, waaqota Aaramii, waaqota Sidoonii, waaqota Mo'aabii, waaqota Amoonotaatii fi Filisxeemotaa waaqonfatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujanee, isa waaqonfatiisa lakkisane.
JDG 10:7 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elootatti aaree, harka worra Filisxeemotaatii fi Amoonotaatitti dabarsee isaan kenne.
JDG 10:8 Worri Amoonotaatii fi Filisxeemotaa, woggaa kudhanii saddeeti, Israa'eloota laga Yordaanosiitiin gama biyya Amoorotaa lafa Giil'aadii keessa le'anu cunqursane.
JDG 10:9 Worri Amoonotaa kolbaa Yihuda'aa, kolbaa Beniyaaminiitii fi kolbaa Efreemii loliisaaf laga Yordaanosii gamatti waan bu'aneef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte.
JDG 10:10 Achiin duuba Israa'elooti, «Si Waaqa keenna lakkinnee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan si yakkineerra» jedhaa gara Mootii Waan Maraa iyyane.
JDG 10:11 Mootiin Waan Maraa isaaniif deebisee, «Worri Gibxi'ii, worri Amooniitii fi worri Filisxeemotaa,
JDG 10:12 worri Sidoonii, worri Amaaleqiitii fi worri Maa'onii yennaa isin cunqursane, isin gara kiyya iyyitanee, anille isaan jalaa isin baaseeraayyu.
JDG 10:13 Isin ammoo na lakkittanee, waaqota dhibii waaqonfattane; tanaaf ani haganaa achi isin hin baasu.
JDG 10:14 Dhaqa'aatii, gara waaqota filattanee iyyadha'a; yennaa isin rakkatane isaan isin baasanuu ti» jedhe.
JDG 10:15 Kolbaan Israa'elii ammoo Mootii Waan Maraa, «Nuuti cubbuu hunyeera; ati waanuma feete nu godhi; adha ammoo maganne'e nu baasi» jedhane.
JDG 10:16 Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii balleessanee, Mootii Waan Maraa waaqonfatane; Mootiin Waan Maraalle rakkinna Israa'elootaa dhaggee guddoo gadde.
JDG 10:17 Achiin duuba worri Amoonii lolaaf waamamanee, Giil'aad keessatti qubatane; Israa'elootille wolitti qabamanee qachaa Miispha'aa keessa qubatane.
JDG 10:18 Sooressitooti kolbaa Giil'aadii, «Nami dursee worra Amoonii loliisaa jalqabu, worra Giil'aad keessa le'u mara irratti sooressaa te'uu ti» wol woliin jedhane.
JDG 11:1 Yiftaan Giil'aadichi, ilmi dubartii sagaagaltittii takkaa, loltuu janna. Abbaan isaalle Giil'aad.
JDG 11:2 Haati manaa Giil'aadiille ilmaan deetteetiif; isaan yennaa guddatane obboleessa ifii Yifta'aan, «Ati dubartii dhibii irraa waan dhalatteef, mana abbaa keennaa keessaa waan tokko hin dhaaltu» jedhanee manaa ari'ane.
JDG 11:3 Tanaaf Yiftaan obboleeyyan ifii biraa baqatee, lafa «Xoob» jedhantu keessa le'e. Achitti namooti boru-hinbeenneen isa biratti wolitti qabamanee isa gula deemane.
JDG 11:4 Yennaa diqqo'oon duuba, worri Amoonii Israa'eloota lole.
JDG 11:5 Yennaa worri Amoonii Israa'eloota lolane, jaarsoleen Giil'aadii Yiftaa biyya Xoobiitii deebisanee fidiisaaf dhaqane.
JDG 11:6 Isaan Yifta'aan, «Worra Amoonii akka lolluuf, koyiitii ajajaa woraanaa nu'uuf te'i» jedhane.
JDG 11:7 Inni ammoo deebisee isaaniin, «Isin na jibbitanee, mana abbaa kiyyaatii na hin ariinee? Amma yennaa rakkattane maaf gara kiyya dhuttan ree?» jedhe.
JDG 11:8 Isaan deebisanee, «Ati nu woliin duultee worra Amoonii akka loltuuf, nu worra Galii'aad keessa le'u mara irralle'etti sooressa akka teetuuf gara keeti dhunne» jedhane.
JDG 11:9 Yoftaan jaarsolee Giil'aadiitiin, «Worra Amoonii loliisaaf isin biyyatti yoo na deebittane, Mootiin Waan Maraalle harka kiyyatti dabarsee yoo isaan kenne, ani sooressaa keessan hin te'aa ree?» jedhe.
JDG 11:10 Isaan deebisanee, «Akkuma ati jette godhiisaaf, Mootiin Waan Maraa ragaa keenna» jedhane.
JDG 11:11 Maarre Yiftaan jaarsolee Giil'aadii woliin dhaqee, kolbaalle sooressaa fi ajajaa woraanaa isa godhatte. Yiftaalle dubbii ifii tana mara fuula Mootii Waan Maraa duratti, qachaa Miispha'atti itti deebi'ee dubbate.
JDG 11:12 Achiin duuba Yiftaan gara mootii worra Amooniititti namoota ergee, «Ati biyya tiyya keessatti na loliisaaf ka dhutteef, anii fi ati maan wol irraa qanna?» jedhee gaafachiise.
JDG 11:13 Mootichi worra Amoonii deebisee ergantoota Yifta'aatiin, «Israa'elooti biyya Gibxiitii yennaa bayane, lafa tiyya laga Aaronii irraa haga laga Yaaboqii, haga laga Yordaanosiille waan fudhataneef, amma nageyaan naaf deebisa'a» jedhe.
JDG 11:14 Yiftaan ammalle gara mootii worra Amoonii ergantoota ergee,
JDG 11:15 «Israa'elooti lafa worra Mo'aabii yookiin lafa worra Amoonii hin fudhanne.
JDG 11:16 Israa'elooti biyya Gibxiitii yennaa bayane, goomolee keessa gara Abbaayaa Diintu'uu dhaqanee, gara Qedeeshii dhufane.
JDG 11:17 Achiin duuba isaan mooticha Edoomiititti ergantoota erganee, ‹Lafa teeti keessa akka dabarruuf nuuf eeyyam› jedhane; mootiin Edoomii ammoo didate. Isaan mootii Mo'aabiille'etti ergane; innille dide; tanaaf Israa'elooti Qedeesh turane.
JDG 11:18 Achiin duuba goomolee keessa deemanee, lafa Edoomiitii fi lafa Mo'aabii irra maranee dhaqanee, lafa Mo'aabii irraa gara aduun baatu geyanee, laga Aarnoniitiin gamatti qubatane; lagi Aarnonii meessaa lafa mo'aabii waan te'eef, isaan lafa mo'aabii dhaqiisaaf laga san gamatti hin buune.
JDG 11:19 Achiin duuba Israa'elooti, gara Sihoonii mootii Amoorotaa ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulchetti ergantoota erganee, ‹Gara biyya teennaa, lafa teeti keessa akka dabaru nuuf eeyyam› jedhaneen.
JDG 11:20 Sihoon ammoo akka Israa'elooti lafa isaa keessa dabaranuuf hin addanne; maarre loltoota ifii mara wolitti qabatee, addee ‹Yaahaz› jedhantutti qubatee isaan lole.
JDG 11:21 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, Sihoonii fi loltoota isaa mara harka Israa'eliititti dabarsee kennee, isaanille isaan injifatane; maarre Israa'el lafa Amoorotaa ka worra achi keessa le'uu mara qabatte.
JDG 11:22 Isaan biyya Amoorotaa duudii, laga Aarnonii irraa haga laga Yaaboqiitii fi goomolee irra haga laga Yordaanosiititti qabatane.
JDG 11:23 Eega Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii worra Amoorotaa kolbaa ifii duraa ari'ee baase, ati amma ariitee isaan baasuu feetaa ree?
JDG 11:24 Ati lafa waaqi keeti Kemoshi siif kenne qabattee hin teettuu ree? Nuutille lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna nu'uuf kenne mara qabannee hin leena.
JDG 11:25 Ati amma mootii Mo'aabii, ilma Ziphoorii, Baalaaq hin caaltaa ree? Inni Israa'eloota woliin wol dhabeeraa? Yookiin isaan woliin wol loleeraa?
JDG 11:26 Israa'elooti qachaa Heshibooniitii fi ollaa qachaa sanii mara, qachaa Aro'eriitii fi ollaa qachaa sanii mara, qachoota qarqara Aarnonii jiru mara keessalle woggaa dhibba sad le'aneeraniiyyu; isin yennaa san keessa qachoota san deebittanee maaf fudhatuu dhaddane ree?
JDG 11:27 Ani si hin yakkine; ati ammoo woraana natti kaasiisaan na yakkiteerta. Mootiin Waan Maraa abbaan mura'aa, Israa'elootaaf yookiin worra Amooniitiif adha muruu ti» jedhe.
JDG 11:28 Mootiin worra Amoonii ammoo ergaa Yiftaan itti erge san woyittuu hin laakkonne.
JDG 11:29 Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa Yiftaa irratti bu'e; Yiftaalle biyya Giil'aadiitii fi biyya Minaase'ee keessa qaxxaamuree, qachaa Miisphaa biyya Giil'aadii keessa dabaree worra Amoonii lole.
JDG 11:30 Yiftaan Mootii Waan Maraatiif waadaa galee, «Worra Amoonii harka kiyyatti dabarsitee yoo kennitte,
JDG 11:31 ani yennaa worra Amoonii injifadhee deebi'ee dhufu, na fudhatiisaaf nama mana kiyya keessaa dursee gad bawu si Mootii Waan Maraatiif hin kenna; ciincaalle godhee siif hin dhikeessa» jedhe.
JDG 11:32 Achiin duuba Yiftaan worra Amoonii loliisaaf lagaan gamatti bu'ee deeme; Mootiin Waan Maraalle isaan harka isaatitti dabarsee kenne.
JDG 11:33 Yiftaan qachaa Aro'erii irraa jalqabee haga adaala Miiniitii fi haga qachaa Abeel-Karamiimitti qachoota diddama balleesse; maarre worri Amoonii harka Israa'elootaa jala galane.
JDG 11:34 Yiftaan gara mana ifii Miispha'atti yennaa deebi'e, intalti isaa dibbee fudhattee sirbaa, isa fudhatiisaaf gad baate; isiin isaaf intala takkaa qofa; inni isii malee ilma yookiin intala dhibii hin qabuuyyu.
JDG 11:35 Yennaa isii dhaggelle gaddee woyaa ifii tarsaasee, «Hayii intala tiyya! Guddoo na gaddisiittee, na laaleffachiitte; Mootii Waan Maraatiif waadaa waan galeef, waadaa gale san diiguu hin dande'u» jedhe.
JDG 11:36 Isiille, «Abbaa kiyya! Mootiin Waan Maraa diinota keeti worra Amoonii haluu waan si'iif bayeef, waan waadaa galte na irratti muummessi» jette.
JDG 11:37 Isiin ammalle abbaa ifiitiin, «Waan tokko callaa naaf eeyyam: Ani ijjumaa waan hin heeruminiif, dhaqee gaara irratti hari'oota tiyya woliin asii fi achi deddeebi'ee, durrummaa tiyyaaf akka bowu ji'a lama naaf kenni» jette.
JDG 11:38 Innille, «Dhaqi» jedhee, ji'a lamaaf isii erge. Isi'ii fi hari'ooti isi'ii, isiin waan ijjumaa hin heeruminiif durrummaa isi'iitiif gaara irratti bowane.
JDG 11:39 Ji'a lamaan duuba gara abbaa ifii deebitee dhutte; innille waadaa Mootii Waan Maraatiif gale isii irratti muummesse; isiin durra duuddu'u. Guyyaa saniin jalqabee tun Israa'el keessatti aadaa teetee,
JDG 11:40 durri Israa'elii wogguma wogga'aan bayanee, guyyaa afuriif intala Yiftaa Giil'aadichaatiif gaddan.
JDG 12:1 Worri Efreemii loltoota ifii waammatanee, gara qachaa Zaafonii gamatti bu'anee, Yifta'aan, «Akka nuuti si woliin deennu adoo nu hin waamin, ati worra Amoonii loliisaaf maaf dhaxxe? Adoo ati keessa jirtuu, nuuti mana keeti ibiddaan si irratti hin gunna» jedhane.
JDG 12:2 Yiftaan ammoo isaaniin, «Anii fi kolbaan tiyya, worra Amoonii woliin akka malee yennaa wol lolle, ani isin waameeraayyu; isin ammoo harka isaanii jalaa na hin baanne.
JDG 12:3 Akka isin na baasaa hin jirre yennaa dhagge, lubbuu tiyya adoo hin mararfatin isaan loliisaaf meessaa qaxxaamuree dhaqe; Mootiin Waan Maraalle harka kiyyatti isaan dabarsee kenne; maarre isin adha maaf na loliisaaf dhuttane ree?» jedhe.
JDG 12:4 Achiin duuba Yiftaan worra Giil'aadii duudii wolitti qabatee, worra Efreemii lole; worri Efreemii worra Giil'aadiitiin, «Isin worri Giil'aadii, worra Efreemii irraa baqattanee, wodhakkaa worra Efreemiitii fi Minaase'ee leetan» waan jedhaneef, isaan lolane.
JDG 12:5 Worri Giil'aadii malkaa laga Yordaanosii ka worri Efreemii bu'u duudii qabate. Worra Efreemii keessaa nami baqatu tokko «Gamatti bu'a» jedhee yoo gaafate, worri Giil'aadii, «Ati sanyii Efreemiitii?» jedhanee isa gaafatan; inni, «Waawwo'o!» yoo jedhe,
JDG 12:6 isaan, «Shibolet» jedhi jedhaniin. Inni sirreessee jecha kana jedhiisa waan hin dandeenneef, «Sibolet» jedha. Achiin duuba isaan, isa hudhanee malkaa laga Yordaanosiititti isa ijjeesan; yennaa san worra Efreemii keessaa, namoota kuma afurtamii lamatti ijjeefame.
JDG 12:7 Yiftaan Giil'aadichi woggaa ja kolbaa Israa'elii bulcheen duuba du'ee, qachaa ifii ka Giil'aad keessaatitti awwaalame.
JDG 12:8 Yiftaan du'een duuba, Ibzaan nami Betlihemii Israa'eloota bulche.
JDG 12:9 Ibzaan ilmaan soddomaa fi ijoollee durraa soddoma qabaayyu. Inni ijoollee durraa ifii soddoma gosa ormaatitti heerumsiisee, ijoollee durraa soddoma ta gosa ormaa ilmaan ifii fuusise. Ibzaan woggaa torba kolbaa Israa'elii bulchee,
JDG 12:10 achiin duuba du'ee, Betlihemitti awwaalame.
JDG 12:11 Ibzaan du'een duuba, Eloon nami sanyii Zebuloonii woggaa kudhan Israa'eloota bulchee,
JDG 12:12 achiin duuba du'ee, lafa Zebuloonii keessa qachaa Ayaloniititti awwaalame.
JDG 12:13 Eloon du'een duuba, nami qachaa Phiiraatonii, ilmi Hiilelii Abdoon Israa'eloota bulche.
JDG 12:14 Abdoon ilmaan afurtamaa fi akaakota soddoma, ta harree torbaatama irra teettee deentu qabaayyu. Inni woggaa saddeeti kolbaa Israa'elii bulche.
JDG 12:15 Achiin duuba Abdoon du'ee, biyya koobittii Amaaleqootaa keessatti, lafa Efreemiititti Phiiraaton keessatti awwaalame.
JDG 13:1 Kolbaan Israa'elii ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; tanaaf Mootiin Waan Maraa woggaa afurtama akka isaan bulchanuuf, harka worra Filisxeemotaatitti dabarsee isaan kenne.
JDG 13:2 Bara san sanyii Daanii keessaa nami «Maano'aa» jedhamu, ka qachaa Zora'aa keessa le'u tokko jiraayyu; haati manaa isaa maseena waan teeteef ijoollee hin deenne.
JDG 13:3 Ergamaan Mootii Waan Maraa isi'itti mudhatee, «Ati maseena waan teeteef, ijoollee hin deenne; ammoo ati ulfoottee ilma hin deetta.
JDG 13:4 Tanaaf daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu yookiin waan battii tokkolle nyaatiisa irraa ifi eegadhu.
JDG 13:5 Ati ulfoottee ilma dhiiraa hin deetta; mucaan sunille guyyaa dhalateen jalqabee Waaqaaf ka adda baye waan te'uuf, rifeensa mataa isaa ijjumaa hin haadin; inni Israa'eloota harka worra Filisxeemotaa jalaa baasiisa hin jalqaba» jedhe.
JDG 13:6 Achiin duuba dubartittiin gara abbaa manaa ifii dhaxxee, «Nami Waaqaa ka bifi isaa ergamaa Waaqaa fakkaatu, ka guddoo sodaachisu tokko gara kiyya dhufe; ani eessaa akka inni dhufe isa hin gaafanne; innille maqaa ifii natti hin hinne.
JDG 13:7 Inni ammoo anaan, ‹Ati ulfoottee ilma hin deetta; mucaalle guyyaa dhalateen jalqabee haga du'utti Naazireticha ka Waaqaaf adda baye waan te'uuf, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unin, yookiin waan battii tokkolle hin nyaatin› jedhe» jetteen.
JDG 13:8 Achiin duuba Maano'aan, «Maganne'e Gootta'a, nami Waaqaa sun deebi'ee gara keenna dhufee, Yennaa mucaan dhalatu waan nuuti isaaf goonu akka nutti himu godhi» jedhee Mootii Waan Maraa daadimate.
JDG 13:9 Waaqille daadimata Maano'aa dhage'e; ergamaan Waaqaa ammalle dubartiin sun fichaa keessa teetteertuun itti mudhate; abbaan manaa isi'ii Maano'aan ammoo isii woliin hin jiruuyyu.
JDG 13:10 Maarre isiin isatti himiisaaf, ariifattee gara isaa rukkittee, «Kunoo, namichi gaafa kaan qara gara kiyya dhufe kuun, ammalle natti mudhate» jette.
JDG 13:11 Maano'aan ka'ee haadha manaa ifii gula deemee, gara namichaa dhaqee, «Nami haadha manaa tiyya woliin dubbate si'ii?» jedhee gaafate. Namichille, «Ee, ana» jedhee deebise.
JDG 13:12 Achiin duuba Maano'aan, «Dubbiin teeti yennaa muummottu, seerri mucaan ittiin bulu, wonni nuuti isaaf godhiisaaf malle maan?» jedhee gaafate.
JDG 13:13 Ergamaan Mootii Waan Maraalle deebisee, «Haati manaa teeti, akka isiin gootuuf waan ani itti hime mara, ifi eegatiisaan gootuu ti.
JDG 13:14 Isiin waan midhaan woyni'ii irraa hujamu mara akka hin nyaanne, daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu akka hin unne, yookiin waan battiille akka hin nyaanne; waan ani isii ajaje kana mara gootuu ti» jedhe.
JDG 13:15 Maano'aan ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Buruusoo re'ee tokko qallee haga siif qopheessinu, maganne'e diqqoo turi» jedhe.
JDG 13:16 Ergamaan Mootii Waan Maraa sun Maano'aan, «Ati yoo na tursitelle, ani sagalee teeti hin nyaadhu. Ciincaa dhikeessiisa yoo barbaadde ammoo, Mootii Waan Maraatiif dhikeessi» jedhe. Maano'aan akka inni ergamaa Mootii Waan Maraa te'e hin beenne.
JDG 13:17 Achiin duuba Maano'aan ergamaa Mootii Waan Maraatiin, «Dubbiin teeti yennaa muummottu, ulfinna akka siif kenninu maqaan keeti eennu?» jedhe.
JDG 13:18 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo, «Ati maqaa kiyya maaf gaafatta? Maqaan kiyya akka malee kancira» jedhee deebise.
JDG 13:19 Maano'aan buruusoo re'e'eetii fi kennansa midhaanii fuudhee, rassaa ciincaa irratti dhikeessanu tokko irratti Mootii Waan Maraa ka kancira hujuuf dhikeesse; achiin duuba Maano'aa fi haati manaa isaa adoo ilaalanuu Mootiin Waan Maraa waan kanciraa godhe.
JDG 13:20 Bobeenni ibiddaa addee ciinca'aa irraa gara ol-gubba'aa yennaa ol bawu, ergamaan Mootii Waan Maraa bobe'a ibiddaa keessa gara ol-gubba'aa ol baye. Maano'aa fi haati manaa isaa tana dhagganee, fuulaan lafatti gad gombifamane.
JDG 13:21 Ergamaan Mootii Waan Maraa deebi'ee Maano'aa fi haadha manaa isaatitti hin mudhanne; achiin duuba Maano'aan namichi sun ergamaa Mootii Waan Maraa akka te'e beeke.
JDG 13:22 Maano'aan haadha manaa ifiitiin, «Nuuti Waaqa waan dhaggineef, dhugumaan hin duuna» jedhe.
JDG 13:23 Haati manaa isaa ammoo deebittee, «Waaqi adoo nu ijjeesuu barbaadee jiraate, ciinca'aa fi kennansa midhaanii keenna hin fudhatuuyyu; inni waan kana duudii nu'utti hin mudhisuuyyu yookiin waan akkasii kana amma nu'utti hin himuuyyu» jetteen.
JDG 13:24 Dubartiin sun ilma deettee, maqaa isaa «Samsoon» jettee baatte. Mucaan guddatee, Mootiin Waan Maraalle isa eebbise.
JDG 13:25 Samsoon qachaa quttuma Daanii keessa adoo jiruu, Zora'aa fi Eshtaa'ol wodhakka'atti Ayyaanni Mootii Waan Maraa isa kakkaasuu jalqabe.
JDG 14:1 Gaafa tokko Samsoon gara qachaa Tiimna'aa dhaqee, achitti intala Filisxeemotaa takka dhagge.
JDG 14:2 Inni gara manaa deebi'ee abba'aa fi haadha ifiitiin, «Qachaa Tiimna'aatitti intala Filisxeemotaa takka dhaggeera, na fuusisa'a» jedhe.
JDG 14:3 Abba'aa fi haati isaa ammoo, «Ati worra Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabannee keessaa niitii fuudhiisaaf ka dhaxxu, fira keeti keessa yookiin kolbaa teenna mara keessa durri hin jirtuu?» jedhanee gaafatane. Inni ammoo abbaa ifiitiin, «Isiin ilatti waan na tolteef na fuusisa'a» jedhe.
JDG 14:4 Yennaa san worri Israa'el bulchu worra Filisxeemotaa waan te'aneef, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa irratti lola kaasuu waan barbaadeef tun akka teete, worri isaa hin beenne.
JDG 14:5 Tanaaf Samsoon abba'aa fi haadha ifii woliin gara qachaa Tiimna'aa gad bu'e; isaan addee woynii Tiimna'aa yennaa geyane, neenqi dardarri tokko dhangaa dhowaa dedhuma gara isaa dhufe.
JDG 14:6 Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, innille harka duwwa'aan, akka ilmee re'e'eetitti neenqa san gargar kukkute. Inni ammoo waan tolche san abba'aa fi haadha ifiititti hin hinne.
JDG 14:7 Achiin duuba dhaqee intala woliin dubbate; isiille jaalate.
JDG 14:8 Guyyoota diqqa'aan duuba Samsoon isii fuudhiisaaf deebi'ee adoo dhaquu, neenqa ijjeese san ilaaliisaaf itti gore; reeffa neenqaa keessatti kinniisi itti qubatee, dammille keessa jiruun dhagge;
JDG 14:9 inni damma san harkatti baafatee, nyaataa deeme. Inni gara abba'aa fi haadha ifii yennaa dhufe diqqaa isaa isaaniif kennee, isaanille nyaatane. Inni ammoo damma san reeffa neenqaa keessaa akka baase isaanitti hin hinne.
JDG 14:10 Abbaan isaa gara intala sanii dhaqee, akkuma aadaa waajibaaf godhanutti, Samsooniif achitti jila qopheesse.
JDG 14:11 Worri Filisxeemotaa yennaa isa dhaggane, akka isa woliin turanu bookarsitoota soddoma ergane.
JDG 14:12 Samsoon isaaniin, «Hiibboo takka isinitti hiibbifadha; hiibboo tana guyyoota jilaa torba kana keessatti yoo naa hintane, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma isiniif hin kenna.
JDG 14:13 Isin yoo naaf himuu dhaddane ammoo, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma naaf hin kennitan» jedhe. Isaanille, «Hiibbifadhu me, hin dhageenna» jedhane.
JDG 14:14 Innille «Ka nyaatu keessaa wonni nyaatanu, Jabaa keessalle'ee wonni mi'owu baye» jedhe. Isaan haga guyyaa sadii hiibboo san himuu hin dandeenne.
JDG 14:15 Guyyaa torbeesso'oo isaan haadha manaa Samsooniitiin, «Abbaa manaa keeti sossobadhuutii, hiibboo tana akka nuu himu godhi; yoo tana godhuu dhadde, si'ii fi mana abbaa keetii ibiddaan hin gunna; ada isin deega nutti buusiisaaf gara jilaa nu waantanee?» jedhane.
JDG 14:16 Tanaaf haati manaa ta Samsoonii bowaa gara isaa dhikaattee, «Ada ati na jibbita; ati dhugumaan na hin jaalattu; ati kolbaa tiyyatti hiibboo hiibbifattee, hiikkaa isi'ii ammoo natti hin hinne» jette. Innille, «Ilaa! Ani abbaa kiyyaa fi haadha tiyyattuu hin hinne; si'itti maaf hima ree?» jedhe.
JDG 14:17 Isiin guyyaa jilaa torba san mara bootte; isiin waan isa rakkitteef, guyyaa torbeesso'oo hiikkaa hiibbo'oo isi'itti hime; isiille kolbaa ifii worra Filisxeemotaatitti hinte.
JDG 14:18 Namooti qachaa keessaa, guyyaa torbeesso'oo, adoo aduun hin seenin Samsooniin, «Damma caalaa ka mi'owu, neenqa caala ka jabaatu maanti jira ree?» jedhane. Samsoonille deebisee, «Raada tiyyaan adoo qotuu dhaddanee jiraattane, hiikkaa hiibboo tiyyaa hin dhaggattanuuyyu» jedhe.
JDG 14:19 Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, Samsoon gara Ashiqalonii gad dhaqee, namoota soddoma ijjeesee, woyaa isaanii irraa mulqee, worra hiibboo himeef kenne. Saniin duuba guddoo aaree gara mana abbaa ifii deebi'e;
JDG 14:20 haadha manaa isaalle bookarsitoota guyyaa fuudha isaa keessaa, jaala isaa heerumsiisane.
JDG 15:1 Yennaa diqqo'oon duuba yennaa qamadiin haammantu Samsoon buruusoo re'e'ee takka fudhatee, haadha manaa ifii ilaaluu dhaqee, «Gara kolloo haadha manaa tiyyaa ol seenuu barbaada» jedhe. Abbaan isi'ii ammoo akka inni ol seenu hin eeyyanne.
JDG 15:2 Abbaan isi'ii Samsooniin, «Ani dhugumaan waan ati isii jibbite seyee, jaala keeti heerumsiise; obboleettiin isi'ii maandhittiin isii caalaa miidhaddu'uu motii? Addee isi'ii isii fuudhi» jedhe.
JDG 15:3 Samsoon deebisee isaaniin, «Ani haganaa achi worra Filisxeemotaa yennaa miidhe, hin komatamu!» jedhe.
JDG 15:4 Maarre inni dhaqee jeedala dhibba sad qabee, lamaan lamaan godhee eegee isaanii wolitti hidhe; eegee lamaan lamaan isaanii wodhakka'atti xassaa tokko tokko hidhe.
JDG 15:5 Achiin duuba xassaa sanitti ibidda qassiisee, jeedaloota san gara fichaa Filisxeemotaa ka qamadii hin haamamin keessa gad lakkisee, midhaan tuula'aatii fi ka hin haamaminii, akkasuma muka woyni'iitii fi ejersaa gube.
JDG 15:6 Worri Filisxeemotaa, «Eentu waan kana godhe» jedhanee yennaa gaafatane, jarri takka, «Abbaan sodda'aa ka Samsoonii nami qachaa Tiimna'aa, haadha manaa Samsoonii jaaluma isaa waan heerumsiiseef, Samsoonitti tana godhe» jette. Tanaaf worri Filisxeemotaa dhaqee, haadha manaa Samsooniitii fi abbaa isi'ii ibiddaan gubanee ijjeesane.
JDG 15:7 Samsoon isaaniin, «Eega isin tana gootane, anille haluu tiyya isin bawu malee hin lakkisu» jedhe.
JDG 15:8 Inni akka malee isaan lolee, nama hedduu fixe. Achiin duuba inni gad dhaqee, goda rassaa Etaamii keessa ture.
JDG 15:9 Worri Filisxeemotaa ol bayanee, lafa Yihuda'aa keessa qubatanee, qachaa Lehii lolane.
JDG 15:10 Namooti Yihuda'aa isaaniin, «Isin maaf nu loliisaaf dhuttanne?» jedhanee gaafatane. Isaan deebisanee, «Samsoon qannee hiinee, waan inni nu godhe, nuutille isa godhiisaaf dhunne» jedhane.
JDG 15:11 Achiin duuba namooti Yihuda'aa kum sad gara goda rassaa Etaamiititti gad bu'anee Samsooniin, «Worri Filisxeemotaa bulchitoota teenna akka te'ane hin beettu? Wonni ati nutti hujje kun maan?» jedhane. Inni deebisee, «Waan isaan na godhane, anille isaan godhe» jedhe.
JDG 15:12 Isaanille, «Nuuti qannee si hiinee, worra Filisxeemotaatitti dabarsinee si kenniisaaf asi dhunne» jedhaneen. Samsoon deebisee, «Isinummaan akka na hin ijjeenne naaf kakadha'a» jedhe.
JDG 15:13 Isaan, «Nuuti qannee si hiinee, worra Filisxeemotaatitti kennina malee, si hin ijjeennu» jedhane. Maarre isaan wodaroo haareya lamaan isa hidhanee, goda rassa'aa keessaa baasane.
JDG 15:14 Samsoon gara qachaa Lehiititti yennaa dhikaate, worri Filisxeemotaa hogisaa gara isaa dhufe. Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon isa irratti bu'ee, wodaroon harki isaa ittiin hidhameeru sun, akka liilana ibiddi gubee, baxxee harka isaa irraa buute.
JDG 15:15 Achiin duuba Samsoon a'oo harree reef duutee takka dhaggee, gad jedhee fuudhee, namoota kuma tokko a'oo saniin ijjeese.
JDG 15:16 Achiin duuba Samsoon, «A'oo harre'eetiin, ani wol irratti isaan tuulee, a'oo harre'eetiin ani namoota kuma tokko ijjeese» jedhe.
JDG 15:17 Inni tana dubbatee fixeen duuba, a'oo harre'ee san gate. Tanaaf maqaan addee sanii, «Raamat Lehii» jedhantee waamante.
JDG 15:18 Achiin duuba Samsoon guddoo dheebotee, gara Mootii Waan Maraa iyyee, «Ati injifachaa guddaa kana ana garbicha keetiif kenniteerta; ani amma dheebu'uun du'aa ree? Worra haqanqabaa hin qabanneen booji'amaa ree?» jedhe.
JDG 15:19 Achiin duuba Waaqi balee Lehii keessa jirtu banee, bisaan keessaa madde. Samsoon yennaa bisaan san une, ayyaanni isaa deebi'eef bayyanate. Maarre maddi sun, «En-Haaqoree» jedhamee haga adhaa qachaa Lehii keessatti beekkama.
JDG 15:20 Bara worri Filisxeemotaa biyya bulchanu keessa, Samsoon woggaa diddamaaf Israa'eloota irratti abbaa mura'aa te'e.
JDG 16:1 Gaafa tokko Samsoon gara qachaa Gaaza'aa dhaqee, dubartii sagaagaltittii takka dhaggee, isii woliin buliisaaf gara isi'ii seene.
JDG 16:2 Worri qachaa Gaaza'aa, «Samsoon as dhufeera» jechuu dhage'anee, adaala san marsanee, halkan guutuu karra qachaa sanii eegaa bulane; isaan, «Yennaa latti bariitu isa hin ijjeenna» jedhanee, halkan guutuu riphanee isa eegaa bulane.
JDG 16:3 Samsoon ammoo haga halkan wodhakka'aa qofa rafe; achiin duuba ka'ee, cufanaa karra qacha'aa, mikikkila lamaanii fi danqaraa duudii bubuqqisee, gurmuu ifii irratti kaafatee, haga kooba Kebrooniin dura jirtuutitti ol baase.
JDG 16:4 Saniin duuba Samsoon dubartittii Deliilaa jedhantu, ta dhooqa Sooreqii keessa leetu takka jaalate.
JDG 16:5 Moototi Filisxeemotaa shanan gara isi'ii dhaqanee, isi'iin, «Samsoon sossobiitii, wonni guddoo isa jabeessu maan akka te'ee fi nuutille attam goonee isa hiinee ifiin jala galfatiisa akka dandeennu nuu gaafadhu. Nuuti tokko tokkoon keenna, meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko sii hin kennina» jedhane.
JDG 16:6 Maarre Deliilaan Samsooniin, «Maganne'ee waan akkana guddoo si jabeessuu fi nami tokko si hidhee ifiin jala si galfatiisa attam akka dande'u natti himi?» jette.
JDG 16:7 Samsoon deebisee, «Teepha jiidhaa torbaan yoo na hidhane, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.
JDG 16:8 Achiin duuba bulchitooti Filisxeemotaa teepha jiidhaa torba, Deliila'atti fiddee, isiille Samsoon hiite.
JDG 16:9 Yennaa san namooti kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, isiin, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette; inni ammoo akkuma liilanni yennaa ibiddi tuqu ciccitu, teepha san kukkute. Tanaaf isaan hunni isaa eessaa akka dhuttu hin beenne.
JDG 16:10 Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati na gowwisiittee, soba natti dubbatte; maganne'ee attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen.
JDG 16:11 Inni isi'iin, «Wodaroo haareya ta itti hin fayyadaminiin yoo na hidhane, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.
JDG 16:12 Maarre Deliilaan wodaroo haareya fuutee isa hiite; achiin duuba namoota kolloo manaa keessatti riphanee eegiisatti jiranuun, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane» jette. Inni ammoo irree ifiitiin, wodaroo san akka liilanaa kukkute.
JDG 16:13 Deliilaan Samsooniin, «Ilaa! Ati haga ammaa na gowwisiittee, soba natti dubbatte; attam akka si hidhuu dande'anu natti himi!» jetteen. Inni isi'iin, «Guduruu rifeensa mataa kiyyaa torbaan liilana woliin footee gudunfitee, shikaala'atti yoo hiite, akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhe.
JDG 16:14 Achiin duuba Deliilaan adoo inni rafeeruu, guduruu rifeensa mataa isaa liilana woliin footee, gudunfitee, shikaala'atti hiitee, «Samsoon! Worri Filisxeemotaa sitti dhufane!» jette. Inni ammoo hirriibaa dammaqee, togaa liilanaa fi guduruu rifeensa mataa ifii woliin buqqise.
JDG 16:15 Maarre isiin Samsooniin, «Gadhaan keeti na bira adoo hin jiraatin, attam si jaaladha naan jetta ree? Ati yennaa sad na soddee, waan guddoo si jabeesselle natti hin hinne» jette.
JDG 16:16 Tanaaf isiin guyyuma guyya'aan isa gaafatiisaan, du'a haga halchutti isa ko'itte.
JDG 16:17 Dhuma irratti inni, «Ani gadhaa haadha tiyyaatii jalqabee Naazireticha Waaqaaf adda baye waan te'eef, rifeensi mataa kiyyaa haadamee hin beeku; yoo haadame akkuma nami dhibiin dadhabu hin dadhaba» jedhee waan gadhaa ifii mara itti hime.
JDG 16:18 Deliilaan akka inni dhugaa itti hime yennaa hubatte, gara bulchitoota Filisxeemotaa ergitee, «Inni dhugaa waan natti himeef, yennaa takkaa deebi'a'aa kowa'a» jette. Isaanille beesee qabatanee gara isi'ii dhufane.
JDG 16:19 Deliilaan Samsoon gudeeda ifii irra raffittee, nama tokko waantee guduruu rifeensa mataa isaa torbaanuu akka haadu goote, isa rakkisuu jalqadde; innille jabeenna ifii dhabe.
JDG 16:20 Achiin duuba isiin, «Samsoon! Filisxeemoti sitti dhufane» jetteen; Innille hirriiba irraa yennaa dammaqee, «Akkuma qaraa ifi irraa kukkutee gad baya» jedhee yaadate. Inni ammoo akka Mootiin Waan Maraa isa lakkiseeru hin beenne.
JDG 16:21 Maarre worri Filisxeemotaa isa qabanee, ila isaa lamaanuu keessaa baasane. Isaan gara Gaaza'aa gad isa geessanee wodaroo sageettu'uutiin hidhanee, mana hidha'aa san keessatti akka midhaan daaku godhane.
JDG 16:22 Rifeensi mataa isaa ka haadame ammoo, deebi'ee guddatiisa jalqabe.
JDG 16:23 Bulchitooti Filisxeemotaa, «Daagon waaqi keenna, diinaa keenna Samsoon harka keenna keessa galcheera» jedhanee, jila jilifatanee, Daagonii waaqa ifiitiif ciincaa guddoo dhikeessiisaaf wolitti qabamane.
JDG 16:24 Isaan yennaa Samsoon dhaggane, waaqa ifii leellifatanee, «Ka biyya teenna balleessee, ka nama hedduu nu duraa ijjeese diina keenna, waaqi keenna harka keennatti dabarsee kenneera» jedhane.
JDG 16:25 Gadhaan isaanii yennaa guddoo gammade, «Samsoon dhufee akka nu taphachiisu, isa waama'a» jedhane; maarre isaan mana hidha'aa keessaa Samsoon waansisane; innille isaaniif taphate; isaan akka inni odduu utuba'aa dhaabbatu godhane.
JDG 16:26 Samsoon mucaa harka isaa qabee isa qajeelchuun, «Utubaa galma utubeeru qabadhee, itti irkadhee dhaabbadhuu ti» jedhe.
JDG 16:27 Manni sun dhiiraa fi dubarti'iin guutameeraayyu; bulchitooti Filisxeemotaalle marti achi jiran; heellichoo mana sanii irra dhiiraa fi dubartiin gara kuma sadii tapha Samsoon taphatu ilaaliisatti jiraniiyyu.
JDG 16:28 Achiin duuba Samsoon, «Ee Goottaa Mootii Waan Maraa! Maganne'ee na qaabadhu; Waaqa kiyya, worra Filisxeemotaa ka ila tiyya lamaan na keessaa baasane, haluu tiyya akka bawuuf, takkuma qofa hunna na jabeessi» jedhee Mootii Waan Maraa daadimate.
JDG 16:29 Maarre Samsoon utuboota lamaan wodhakka'aa ka galma utubeeru, utubaa tokko harka middaatiin, utubaa kaan harka bita'aatiin jabeessee qabee,
JDG 16:30 «Ani worra Filisxeemotaa woliin du'uu ti!» jedhee, hunna ifii guutu'uun yennaa dhiibe, manni bulchitoota Filisxeemotaatii fi worra achi jiru duudii irratti jige. Samsoon adoo jiruu worra ijjeeseen irra, gaafa du'e worra ijjeesetti caala.
JDG 16:31 Achiin duuba obboleeyyan isaatii fi maatiin isaa marti gad dhaqanee, reeffa isaa fuudhanee, awwaala abbaa isaa Maano'a'aa ka Zora'aa fi Eshtaa'ol wodhakkaa jirutti awwaalane. Samsoon woggaa diddama Israa'eloota irratti abbaa mura'aa te'e.
JDG 17:1 Biyya koobittii Efreemii keessaa, namichi «Miikaa» jedhamu tokko jiraayyu.
JDG 17:2 Inni haadha ifiitiin, «Meetiin kumi tokkoo fi dhibbi tokko si duraa yennaa hatante, ati nama si duraa hate abaartuun dhage'eera; kunoo, meetiin sun harka kiyya jirti; ka fudhatelle ana» jedhe. Haati isaalle, «Ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jetteen.
JDG 17:3 Inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko san deebisee, haadha ifiitiif kenne; haati isaalle, «Abaarsi kiyya si ilma kiyya akka hin dhaqqanne, aninuu meetii tana Mootii Waan Maraatiif adda baasa; waaqota dharaa muka irraa bocamee, meeti'iin gonfamulle'eef hin teeti; tanaaf meetii tana deebisee si'ii hin kenna» jetteen.
JDG 17:4 Maarre yennaa inni meetii san haadha ifiititti deebisee kenne, isiin meetii san irraa dhibba lama fuutee, namicha meetii bassu ka muka bocee waaqa dharaa hujee, meetii itti gonfutti kennite; fakkii sanille mana Miika'aa keessa keyane.
JDG 17:5 Namichi «Miikaa» jedhamu kun galma waaqota ifii itti waaqonfatu qabaayyu; inni woyaa hayyumma'aa ta qomaatii fi fakkii waaqotaa hujee, ilmaan ifii keessaa tokko akka hayyuu isaaf te'u file.
JDG 17:6 Yennaa san Israa'el keessa mootiin waan hin jirreef, nami martinuu waanuma fedhe godhaayyu.
JDG 17:7 Yennaa san dargaggeessi sanyii Lewwi'ii, ka gosa Yihuda'aa te'e, biyya Yihuda'aa keessa ka qachaa Betlihemii keessa le'u tokko jiraayyu.
JDG 17:8 Namichi kun qachaa Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa lakkisee addee dhibii itti le'u barbaadatiisaaf adoo deemuu, gara mana Miika'aa ka biyya koobittii Efreemii keessa dhufe.
JDG 17:9 Miikaan, «Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate. Innille deebisee, «Ani sanyii Lewwi'ii ti; biyya Yihuda'aa qachaa Betlihemii keessaa addee dhibii itti le'u barbaadatiisaaf dhufe» jedhe.
JDG 17:10 Achiin duuba Miikaan isaan, «Na bira tee'i; abbaalle, hayyuulle naaf te'i. Ani wogga'atti meetii kudhan, sagale'ee fi woyaalle si'iif hin kenna» jedhe.
JDG 17:11 Maarre dargaggeessichi sanyii Lewwi'ii sun, Miikaa woliin tee'iisaaf wolii galee, akka ilma isaa isaaf te'e.
JDG 17:12 Miikaan dargaggeessicha Lewwicha san hayyuu godhate; innille mana Miika'aa tee'e.
JDG 17:13 Miikaalle, «Nami sanyii Lewwi'ii hayyuu kiyya waan te'eef, Mootiin Waan Maraa waan dansaa akka naaf godhu hin beeka» jedhe.
JDG 18:1 Yennaa san Israa'el keessa mootiin hin jiru; gosi Daanii haga bara saniititti gosa Israa'elii oddu'utti lafa ifii waan hin dhaggatiniif, lafa keessa le'anu barbaadatiisatti jiraniiyyu.
JDG 18:2 Maarre kolbaan Daanii fira ifii ka qachaa Zora'aatii fi Eshtaa'olii keessaa, namoota jajjaba shan filanee, lafa dooyanee akka qorqoranuuf ergane. Namooti ergamane sun ka fira ifii mara bakka bu'eeru. Isaan, «Dhaqa'aatii, lafa san qorqora'a» jedhanee isaanitti himane. Isaan gara biyya koobittii Efreemii, gara mana Miika'aa yennaa dhufane, achi bulane.
JDG 18:3 Isaan Mana Miika'aa adoo jiranuu, dargaggeessicha sanyii Lewwi'ii san haasowa isaatiin isa beekanee, gara isaa garagalanee, «Eentu as si fide? Maan asii hujja? Maaf as dhutte?» jedhanee gaafatane.
JDG 18:4 Inni waan Miikaan isaaf godhe isaanitti himee, «Miikaan na qaxaratee, ani hayyuu isaa te'eera» jedheen.
JDG 18:5 Achiin duuba isaan, «Yaadi nuuti deemiisatti jirru kun, ka nu'uuf guutaaruu fi guutuu dhabaaru akka te'e, maganne'ee Waaqa nu'uuf gaafadhu» jedhaneen.
JDG 18:6 Hayyichi deebisee, «Yaadi isin deentanu kun Mootii Waan Maraa duratti fudhatama'a; nageyaan dhaqa'a» isaaniin jedhe.
JDG 18:7 Maarre namooti shanan sun achii ka'anee, gara qachaa Laa'iishii dhaqanee, worri qachaa sanii akkuma worra Sidoonii nageyaa fi bidhaa malee akka le'anu dhaggane; latti isaanii waan mara waan qadduuf, isaan dureeyyi'i; worri qachaa sanii worra Sidoonii irraa fagaatee le'a; namoota dhibii wolille'een wolitti hin dhufanu.
JDG 18:8 Namooti shanan sun gara qachaa Zoraatii fi Eshtaa'olii yennaa deebi'ane, namooti isaanii, «Wonni isin dhaxxaneef maan teete?» jedhanee isaan gaafatane.
JDG 18:9 Isaan deebisanee, «Latti guddoo dansaa akka teete dhaggineerra. Ka'a'a itti duullee lollaa! Cadhittanee as hin tee'ina'a! Ariifadha'aa dhaqa'aatii biyya san qabadha'a.
JDG 18:10 Yennaa achi geettane namoota bidhaa malee le'anu hin dhaggitan; biyyi sun badho'o; wonni marti achi keessatti dhagganti; Waaqi biyya san isiniif kenneera» jedhane.
JDG 18:11 Tanaaf gosa Daanii keessaa, namooti dhibbi jaa meya woraanaa hidhatanee, qachoota Zora'aatii fi Eshtaa'olii keessaa bayanee deemane.
JDG 18:12 Isaan ol bayanee, biyya Yihuda'aa keessa qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii gara aduun seentutti qubatane; tanaaf addeen sun haga adhaa quttuma gosa Daanii jedhanti.
JDG 18:13 Achille'ee dabaranee, gara biyya koobittii Efreemii dhaqanee, gara mana Miika'aa dhufane.
JDG 18:14 Achiin duuba namooti shanan, ka biyya adaala qachaa Laa'iishii dooyiisaaf dhaqane namoota ifiitiin, «Manoota kana keessaa tokkocha keessa, waaqi dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaan hayyumma'aa ta qomaa, fakkiin waaqota dharaa ta dhibiille akka jirtu hin beettanuu? Tanaaf amma maan akka gootanu yaadadha'a» jedhane.
JDG 18:15 Maarre gara mana Miika'aa, addee dargaggeessi gosa Lewwi'ii le'u dhaqanee, nageya isa fuudhane.
JDG 18:16 Yennaa san namooti Daanii worri dhibbi jaa meya woraanaa hidhatanee, seensuma karraa bira dhaabbataneeraniiyyu.
JDG 18:17 Dargaggeessichi hayyichi sun, namoota dhibba jaa ka meya woraanaa hidhatane woliin seensuma karraa bira adoo dhaabbatee jiruu, worri shanan dooyu sun gara mana Miika'aa seenee, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, fakkii waaqota dharaa ta dhibiille fuudhane.
JDG 18:18 Isaan mana Miika'aa seenanee, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfame, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, fakkii waaqota dharaa ta dhibiille yennaa fuudhane, hayyichi, «Isin maan godhaartan?» jedhee gaafate.
JDG 18:19 Isaan, «Cadhisi! Afaan keeti qabadhu; nu woliin koyiitii abba'aa fi hayyuu nuu te'i. Maatii nama tokkootiif hayyuu te'iisaa mannaa, gosaa fi balbala Israa'elii tokkoof hayyuu te'uu si'iif hin woyyuu?» jedhaneen.
JDG 18:20 Wonni kun hayyicha guddoo waan gammachiitteef, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, waaqota dharaa ka muka irraa bocamee meeti'iin gonfamee fi waaqotaa dharaa ka dhibiille fuudhee isaan woliin deeme.
JDG 18:21 Isaan ijoollee ifii, horii ifiitii fi qabeenna ifii ifiin dura aansanee, deebi'anee deemane.
JDG 18:22 Namooti Daanii mana Miika'aa biraa fagaataneen duuba, Miikaan ollaa ifii wolitti waamee, hordofanee isaan dhaqqabanee,
JDG 18:23 itti iyyane. Namooti Daaniille gara isaanii garagalanee Miika'aan, «Ati namoota kana mara wolitti qaddee wonni dhutteef, haajaan keeti maan?» jedhanee gaafatane.
JDG 18:24 Miikaan deebisee, «Isin hayyicha kiyyaa fi waaqota ani hujadhe fudhattanee deentane; maanti naa hafe? Attam ‹Haajaan keeti maan?› naan jettan?» isaaniin jedhe.
JDG 18:25 Namooti Daanii dhufane Miika'aan, «Namooti kun aaranee si lolanee, lubbuu teetii fi maatii teetii akka hin dhanne ‹Xi'i› hin jedhin» jedhane.
JDG 18:26 Achiin duuba worri Daanii karaa ifii deemane; Miikaan worri Daanii isa caalaa jajjaboo akka te'ane yennaa dhagge, gara mana ifii deebi'ee deeme.
JDG 18:27 Worri Daanii waaqota Miikaan hujatee fi hayyicha isaaf tajaajilu isa duraa fudhatanee, gara qachaa Laa'iishii dhufanee, kolbaa nageyaa fi bidhaa malee leetu shallaaga'aan ijjeesanee, qachaa sanille gubane.
JDG 18:28 Kolbaan qachaa Laa'iishii, Sidoon irraa fagoo dhooqa Bet-Rehoobii keessa waan leetuu fi namoota qachaa dhibi'ii wolille'een wolitti waan hin dhunneef, nami isaan baasu hin dhagganne. Worri Daanii qachaa san deebisee ijaaree achi keessa le'e.
JDG 18:29 Isaan maqaa qacha'aa ka durii Laa'iishi jijjiiranee, maqaa abbaa isaanii ka durii ilma Yaaqoobiitiin, «Daan» jedhanee moggaasane.
JDG 18:30 Worri Daanii waaqota san waaqonfatiisaaf achitti dhaabbachiisane; ilmi Minaase'ee Gershoom ka uumate Yonaataan, worra Daaniitiif hayyuu te'ee tajaajiliisa jalqabe; sanyiin isaalle haga yennaa kolbaan booji'anteetitti hayyoota teete tajaajilte.
JDG 18:31 Haga bara Galmi Waaqaa Shiiloo keessa turetti, kolbaan Daanii waaqota dharaa ka Miikaan huje san achi dhaabbachiifatane.
JDG 19:1 Bara Israa'el mootii hin qanne sanitti, nami gosa Lewwi'ii ka biyya koobittii Efreemii keessa moggaa le'u tokko jiraayyu; inni Betlihemii biyya Yihuda'aa keessaa gursumeettii takka fuudhe.
JDG 19:2 Gursumeettiin isaa sun ammoo sagaagaltee, gara mana abbaa ifii ka Betlihemii biyya Yihuda'aa keessa jirutti deebitee, ji'a afur achi turte.
JDG 19:3 Achiin duuba abbaan manaa isi'ii sheshelatee isii galfatiisaaf tajaajilaa ifiitii fi harree lama fudhatee dhaqe; yennaa inni achi geye isiin gara manaa isa seensitte; abbaan isi'iille gammadaan isa fudhate.
JDG 19:4 Abbaan isaa ka sodda'aa, abbaan isi'ii akka inni achi turu godhe; maarre inni nyaataa unaa guyyaa sad achi ture.
JDG 19:5 Gaafa guyyaa arfeesso'oo, barii ganamaan ka'anee deemiisaaf qophowane. Abbaan sodda'aa ammoo dhirsa intala ifiitiin, «Jabaattee akka deentuuf, qara wo nyaadhu» jedhe.
JDG 19:6 Maarre namooti lamaanuu sun tee'anee nyaatanee unane; achiin duuba abbaan sodda'aa dhirsa intala ifiitiin, «Maganne'ee, adhalle asuma buliitii gammadi» jedhe.
JDG 19:7 Lewwichi sun galiisaaf yennaa ka'e, abbaan sodda'aa isaa ammoo, akka inni buluuf uttise; maarre inni halkan san achi bule.
JDG 19:8 Gaafa guyyaa shaneesso'oo barii ganama deemiisaaf ka'e; abbaan sodda'aa ammoo, «Maganne'e wo nyaadhu; aduu qabbaneeffattee deenta» jedhe. Tanaaf abbaan sodda'aatii fi dhirsi intalaa sun woliin nyaatane.
JDG 19:9 Namichi Lewwi'ii sun gursumeettii ifiitii fi tajaajilaa ifii woliin deemiisaaf yennaa ka'e, abbaan sodda'aa isaa, «Kunoo amma isinitti dhi'aarti; ammumaayyuu dukkanowiisatti jirti; edana asuma bula'aatii gammada'a; boru barii ganamaan kaatanee gara mana keessanii deentan» jedhe.
JDG 19:10 Lewwichi sun ammoo halkan san achi buluu hin barbaanne; tanaaf inni, gursumeettii ifii, tajaajilaa ifiitii fi harree ifii ta kooraan itti fe'ame lama woliin ka'ee deeme; yennaa latti dhiite fuullee Yibusii geyane. Yibuusiin kun qachaa, «Yerusaalem» jedhamu.
JDG 19:11 Yennaa isaan Yibus geyane latti itti dhiite; tajaajilaalle goottaa ifiitiin, «Koy, gara qachaa Yibusootaa kana gorree bulla» jedhe.
JDG 19:12 Goottaan isaa ammoo, «Lakkii dabarree qachaa Giibe'aa dhandha malee, qachaa ormaa ka Israa'elooti keessa hin jirretti hin gorru.
JDG 19:13 Koy, gara qachaa Giibe'aa yookiin gara qachaa Raama'aa dhikaannee, isaan keessaa tokko keessa bulla» jedhe.
JDG 19:14 Tanaaf Yibus irra dabaranee deemanee, qachaa Giibe'aa biyya Beniyaamiititti yennaa dhikaatane, aduun seente.
JDG 19:15 Isaan qachaa Giibe'aa buliisaaf itti gorane; Lewwichi sun badhinna qacha'aa keessa tee'e; ammoo nami tokkolle isaan bulchiisaaf gara mana ifii isaan hin fudhanne.
JDG 19:16 Adoo inni achi jiruu, jaarsi biyya koobittii Efreemii irraa dhufee, ka qachaa Giibe'aa keessa le'u tokko, hujii fichaa ifii irraa dhufe; kolbaan addee sanii ammoo, sanyii Beniyaaminii ti.
JDG 19:17 Jaarsi sun nama badhinna qacha'aa tee'eeru tokko dhaggee, «Eessaa dhutte? Eessa dhaqaarta ree?» jedhee gaafate.
JDG 19:18 Lewwichi sun deebisee, «Nuuti Betlihemii biyya Yihuda'aa irraa gara biyya koobittii Efreemii irraa moggaa jirtu, addee irraa dhufetti gara mana kiyyaatii fi gara mana Mootii Waan Maraa deemiisatti jirra; asitti nami gara mana ifii fudhatee na bulchu hin jiru.
JDG 19:19 Nuuti tajaajiltooti teeti harree teennaaf okeyaa fi hicaacee, naaf, gursumeettii tiyyaa fi tajaajilaa kiyyaaf daabbo'oo fi daadhii woyni'ii qanna; tana caalaa womaa hin barbaannu» jedhe.
JDG 19:20 Jaarsille, «Koy mana kiyya buli; ani waan si'iif barbaachisu mara hin kenna; badhinna keessa ammoo hin bulin» jedhe.
JDG 19:21 Maarre inni gara mana ifii isaan fudhatee, harree isaaniitiif okeya kenne. Keessumootille miila ifii dhiqattee, nyaattee unte.
JDG 19:22 Adoo isaan gammadiisatti jiranuu, qachaa keessaa namooti nama bukkoonsanu dedhuma mana san marsanee, balbala tumiisa jalqabane. Isaan jaarsicha abbaa manaatiin, «Namicha mana keeti keessa jiru, akka bukkoonsinu gad nuu baasi» jedhane.
JDG 19:23 Jaarsichi ammoo gad bayee, «Jaalota tiyya! Lakkisa'a! Namichi kun keessummaa tiyya waan te'eef, waan hantuu akkasii hin hujina'a!
JDG 19:24 Gursumeettiin namichaatii fi intalti tiyya ta durraa kunoo ti! Isaan isiniif gad baasa, waan feetane isaan godha'aatii, itti taphadha'a. Nama kana irratti ammoo waan hantuu hin godhina'a!» jedhe.
JDG 19:25 Namooti ammoo dubbii isaa caqasuu didane; tanaaf Lewwichi gursumeettii namichaa gad baasee kenneef; halkan guutuu hunnaan isii woliin rafanee, itti taphataa bulanee, yennaa boruun dayya'u akka deentuuf lakkisane.
JDG 19:26 Dubartittiin sun ganama boruun yennaa dayya'u, addee abbaan manaa isi'ii bule mana jaarsichaa bira dhuttee jiddee, haga latti bariitutti achi turte.
JDG 19:27 Abbaan manaa isi'ii ganama ka'ee deemiisaaf balbala yennaa banu, gursumeettiin isaa gulantaa balbalaa irratti harka ifii badhifattee jiddeertuun dhaggee,
JDG 19:28 «Ka'i ideenna!» jedheen; ammoo deebii hin dhagganne; achiin duuba reeffa isi'ii harree irratti fe'ee gara mana ifii deeme.
JDG 19:29 Inni yennaa mana ifii geye, billowa fudhatee, reeffa gursumeettii ifii addee kudhanii lamatti kukkutee, kutaa biyya gosa Israa'elii maratti tokko tokko erge.
JDG 19:30 Worri waan kana dhagge duudiin, «Nuuti waan akkasii dhageennee hin beennu! Israa'elooti biyyaa Gibxi'ii keessaa haga bayanee jalqabee, wonni akkasii tokkolle teetee hin beettu yookiin dhaggantee hin beettu! Marroo waan kanaa itti yaadadha'a, mari'adha'aatii waan goonu nutti hima'a» jedhane.
JDG 20:1 Kolbaan Israa'elii qachaa Daanii ka gara kaabaa irraa haga Bersheebaa gara kibbaa, akkasuma qachaa Giil'aadii ka gara aduun baatuu jiru duudiin, yaada tokkochaan qachaa Miispha'aatitti Mootii Waan Maraa duratti wolitti qabante.
JDG 20:2 Sooressitooti kolbaa gosa Israa'elii duudiin, yaa'ii kolbaa Waaqaa loltoota miilaa kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatteertu keessatti dhaggamane.
JDG 20:3 Sanyiin Beniyaamii gosi Israa'elii duudiin Miispha'atti akka wolitti qabamane dhage'ane. Israa'elootille, «Wonni hantuun tun attamiin akka teete nutti hima'a» woliin jedhane.
JDG 20:4 Namichi Lewwichi abbaan manaa, ka dubartii ijjeefantee sun deebisee, «Anii fi gursumeettiin tiyya qachaa Giibe'aa ka biyya Beniyaaminii keessaa buliisaaf dhunne.
JDG 20:5 Halkan san namooti Giibe'aa balaa natti buusiisaaf, mana ani keessa jiru halkaniin marsanee, na ijjeesiisaaf barbaadane; gursumeettii tiyya hunnaan woliin rafanee, isiille duute.
JDG 20:6 Isaan waan hantuu fokkisiittuu akkasii waan hujaneef, ani reeffa isi'ii fuudhee kukkutee, gara kutaa biyya gosa Israa'elii tokko tokkottuu erge.
JDG 20:7 Maarre amma isin Israa'elooti duudiin, mari'adha'aatii murteessa'a» jedhe.
JDG 20:8 Kolbaan duudiin yaada tokkochaan kaatee, «Nu keessaa nami tokkolle gara dunkaana ifii yookiin gara mana ifii hin deebi'in.
JDG 20:9 Amma ammoo wonni nuuti goonu, qachaa Giibe'aa irratti hixa'aan duulla.
JDG 20:10 Israa'el keessatti waan fokkisiittuu hujaneef, kolbaa qachaa Giibe'aa ta biyya Beniyaaminii keessaa adabiisaaf, loltoota duulanuuf galaa akka dhikeessanu, gosa Israa'elii mara keessaa namoota dhibba keessaa kudhan, kuma tokko keessaa dhibba tokko, kuma kudhan keessaa kuma tokko hin qopheessina» jedhane.
JDG 20:11 Maarre namooti Israa'elii duudiin yaada tokkoon qachaa san loliisaaf wolitti qabamane.
JDG 20:12 Gosi Israa'elii gara gosa Beniyaamii namoota erganee, «Wonni hantuun namooti gariin odduu teessanitti hujane kun maan?
JDG 20:13 Amma namoota waan hantuu akkasii hujanee Giibe'aa keessa jiranu qaba'aatii nutti kenna'a; nuuti isaan ijjeennee, hujii hantuu tana Israa'el keessaa balleessina» jedhane. Worri Beniyaaminii ammoo waan Israa'elooti obboleeyyan isaanii isaanitti himane hin fudhanne.
JDG 20:14 Worri Beniyaaminii qachoota ifii keessaa wolitti qabamanee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Giibe'aa dhufane.
JDG 20:15 Guyyaa san worri Beniyaaminii loltoota dhibba torba ka filamanee qachaa Giibe'aa keessa jiranu adoo hin dabalatin, qachoota ifii keessaa loltoota kuma diddamii jaa ka shallaagaa hidhatane wolitti qabane.
JDG 20:16 Loltoota tana keessaa namooti dhibbi torba bitaatticha; isaan looyya'aan dhakaa rifeensa tokkotti yoo qolaansanu irraa hin qabanu.
JDG 20:17 Israa'elooti gosa Beniyaaminii adoo hin dabalatin, loltoota kuma dhibba afur ta shallaagaa hidhatte lolaaf baasane.
JDG 20:18 Israa'elooti gara qachaa Bet'elii ol bayanee, «Gosa Beniyaaminii loliisaaf nu keessaa gosa tamitti dura aana?» jedhanee Waaqa gaafatane. Mootiin Waan Maraa, «Gosi Yihuda'aa dura aantuu ti» jedhee deebise.
JDG 20:19 Achiin duuba Israa'elooti boruyyaa ganama ka'anee, qachaa Giibe'aa biratti qubatane.
JDG 20:20 Isaan loltoota Beniyaaminii loliisaaf bayanee, fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane.
JDG 20:21 Guyyuma san loltooti Beniyaaminii qachaa keessaa bayanee, loltoota Israa'elii kuma diddamii lama ijjeesane.
JDG 20:22 Israa'elooti ammoo wol jajjabeessanee, addee ifii ta guyyaa qaraa qabatanetti ammalle addee qabatane.
JDG 20:23 Israa'elooti dhaqanee haga galgalaatitti Mootii Waan Maraa duratti bowanee, «Nuuti ammalle obboleeyyan teennaa Beniyaaminoota loliisaaf hin duullaa ree?» jedhanee gaafatane. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ee, dhaqa'aatii lola'a» jedhe.
JDG 20:24 Maarre guyyaa lammeesso'oo gosa Beniyaaminiititti duulane.
JDG 20:25 Worri Beniyaaminiille guyyaa lammeesso'oo san isaan loliisaaf qachaa Giibe'aatii bayanee, loltoota Israa'elii keessaa loltoota shallaagaa hidhatte kuma kudhanii saddeeti ijjeesane.
JDG 20:26 Achiin duuba kolbaan Israa'elii duudiin gara Bet'elii ol baatee, achitti Mootii Waan Maraa duratti teettee bootte; guyyaa san haga galgalaatitti laantee, ciinca'aa fi woreega nageyaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessite.
JDG 20:27 Bara san saanduqi gondooroo Waaqaa achi waan jiruuf, akaakoon Aaronii, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo san dura dhaabbatee tajaajilaayyu; Israa'elootille «Obboleeyyan teenna worra Beniyaaminii loliisaaf ammalle hin dhandha moo hin lakkinna?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani boru harka keessanitti dabarsee isaan waan kennuuf, dhaqa'aa lola'a» jedhe.
JDG 20:29 Achiin duuba Israa'elooti, loltooti adaala Giibe'aatitti riphanee akka eeganu godhane.
JDG 20:30 Guyyaa sadeesso'oo, Israa'elooti worra Beniyaaminii loliisaaf ol bayanee, akkuma qaraa fuullee qachaa Giibe'aatitti addee qabatane.
JDG 20:31 Worri Beniyaaminiille Israa'eloota loliisaaf yennaa bayane, qachaa irraa ari'anee fageessanee, akkuma qaraa karaa gara Bet'elii ol baasuu fi gara qachaa Giibe'aa geessu irratti loluu jalqabanee, Israa'eloota soddoma diida keessatti ijjeesane.
JDG 20:32 Worri Beniyaaminii, «Nuuti akkuma qaraa Israa'eloota injifatiisatti jirra» jedhanee yaadane. Israa'elooti ammoo, «Gara duubaa baqatanee qachaa irraa fagaatanee kara'atti akka bayanu isaan goona» jedhane.
JDG 20:33 Maarre loltooti Israa'elii duudiin gara duubaa addee, «Ba'aal Taamaar» jedhantutti addee qabatane; loltooti qachaa Giibe'aa gara aduun seentutti riphaneeranu ori'anee bayane.
JDG 20:34 Israa'eloota mara keessaa loltooti kuma kudhan filamanee, qachaa Giibe'aa loliisaaf dhufane; lolli sunille lola jaba'a. Worri Beniyaaminii ammoo badiin akka isaanitti dhikaatte hin hubanne.
JDG 20:35 Mootiin Waan Maraa Israa'elooti worra Beniyaaminii akka injifatanu godhe. Israa'elootille guyyaa san loltoota Beniyaaminii ta shallaagaa hidhatte kuma diddamii shanii fi dhibba tokko ijjeesane.
JDG 20:36 Achiin duuba worri Beniyaaminii akka injifatame hubate. Israa'elooti loltoota ifii worra adaala qachaa Giibe'aatitti akka riphanu goote waan addatteef, worra Beniyaaminiitiif addee lakkitte.
JDG 20:37 Loltooti riphaneeranu ariiti'iin gara qachaa Giibe'aa ori'anee, namoota qachaa keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane.
JDG 20:38 Worri Israa'elootaa loltoota riphane woliin qachaa keessaa beessisa duumensa aaraa akka ol kaasanu, wolii galtee godhaneeraniiyyu.
JDG 20:39 Achiin duuba worri Israa'elii lola irraa duubatti deebi'ane; worri Beniyaaminii ammoo Israa'eloota soddoma waan ijjeesaneeranuuf, «Akkuma lola qaraa nuuti isaan injifatiisatti jirra» jedhanee yaadan.
JDG 20:40 Te'uu malee duumensi aaraa qachaa keessaa yennaa ol ka'iisa jalqabe, worri Beniyaaminii ifiin duuba garagalanee, aarri qachaa duudi'ii gara gubba'aa ka'uun dhaggane.
JDG 20:41 Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee lolane; worri Beniyaaminiille badii isaanitti dhikaatte waan dhagganeef bararaqane.
JDG 20:42 Tanaaf isaan Israa'eloota duraa gara goomole'ee gula baqatane; te'uu malee loltoota Israa'elii jalaa bayiisaaf hin dandeenne; worri qachaa keessaa gad bayiisatti jiru wodhakka'atti isaan ijjeesane.
JDG 20:43 Loltooti Israa'elii worra Beniyaaminii marsanee, haga addee qachaa Giibe'aa irraa gara aduun baatu jirtuutitti isaan ari'ane fixane.
JDG 20:44 Loltooti Beniyaaminii worri jajjabaan marti kum kudhanii saddeeti ijjeefamane.
JDG 20:45 Yennaa isaan gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatane, loltooti Israa'elii karaa irratti namoota kuma shan isaan keessaa ijjeesane; haga Giidomiititti ari'anee namoota kuma lama dabalanee ijjeesane.
JDG 20:46 Guyyaa san loltooti Beniyaaminii worri jajjabaan shallaagaa hidhatane kum diddamii shan dhumatane.
JDG 20:47 Namooti dhibbi jaa ammoo, deebi'anee gara goomole'ee gula rassaa Rimooniititti baqatanee, achitti ji'a afur turane.
JDG 20:48 Israa'elooti gara lafa worra Beniyaaminii duubatti deebi'anee, namoota, hori'ii fi waan qachaa keessatti dhaggane mara shallaaga'aan ijjeesane; qachoota itti dhufane maralle ibiddaan gubane.
JDG 21:1 Israa'elooti qachaa Miispha'aatitti wolitti qabamanee, «Nu keessaa nami tokkolle durra ifii gosa Beniyaaminii hin heerumsiisin» jedhanee wol kakachiisaneeraniiyyu.
JDG 21:2 Israa'elooti gara Bet'elii dhaqanee, haga galgalaatitti achi tee'anee, Waaqa duratti qoonqoo ol qabatanee wiiccifatanee bowanee,
JDG 21:3 «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, wonni kun Israa'el irratti maaf teete? Maaf adha Israa'el keessaa gosi tokko dhabante?» jedhane.
JDG 21:4 Boruyyaa kolbaan barii kaatee, achitti addee ciinca'aa ijaartee, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessite.
JDG 21:5 Israa'elooti, «Nami qachaa Miispha'aatitti Mootii Waan Maraa duratti hin dhaggamin hafe ijjeefamuu ti» jedhanee waan wol kakachiisaneeranuuf, «Nuuti Mootii Waan Maraa duratti yennaa wolitti qabanne gosi Israa'elii ka hin dhufin hatte jirtii?» jedhanee wol gaafatane.
JDG 21:6 Israa'elooti obboleeyyan ifii gosa Beniyaaminiitiif gaddanee, «Adha Israa'el keessaa gosi takkaan baddeerti.
JDG 21:7 Nuuti durra teenna akka isaaniif hin kennine maqaa Mootii Waan Maraatiin waan kakanneerruuf, namoota Beniyaaminii ka hafane kana eessaa niitii fuusinna ree?» jedhane.
JDG 21:8 Achiin duuba isaan, «Gosa Israa'elii keessaa fuula Mootii Waan Maraa duratti qachaa Miispha'aatitti ka hin dhufin jiraa?» jedhanee wol gaafatane; kunoo qachaa Yaabesh-Giil'aad irraa nami tokkolle gara wol geyi'ii akka dhufee hin jirre hubatane.
JDG 21:9 Yennaa kolbaa laakkowane, kolbaa qachaa Yaabesh-Giil'aadii keessa nami tokkolle achi hin jiruuyyu.
JDG 21:10 Kanaaf wolde'i sun worra jajjaba keessaa kuma kudha lama erganee, «Gara qachaa Yaabesh-Giil'aadii dhaqa'aatii worra achi le'u dubartootaa fi ijoolleelle adoo hin hamburin,
JDG 21:11 dhiiraa fi dubartoota dhiira woliin ratte duudii ijjeesa'a» jedhanee ajajane.
JDG 21:12 Isaan namoota qachaa Yaabesh-Giil'aad keessa le'u duudii keessaa durra dhibba afur dhagganee, gara qachaa Shiilo'oo addee quttuma ifii ta lafa Kana'aanii keessa jirtuu fidane.
JDG 21:13 Achiin duuba wolde'i duudiin namoota Beniyaaminii worra rassaa Rimoonii keessa jirutti erganee nageenni akka bu'e lassii dabarsane.
JDG 21:14 Tanaaf worri Beniyaaminii deebi'ane; Israa'elootille durra Yaabesh-Giil'aad keessaa baraaree hafane, isaan fuusisane. Durri sun ammoo isaan mara hin geenne.
JDG 21:15 Mootiin Waan Maraa worra Beniyaaminii gosa Israa'elii irraa gargar waan baaseef, kolbaan Israa'elii gosa Beniyaaminiitiif gaddite.
JDG 21:16 Maarre sooressitooti wolde'aa, «Gosa Beniyaaminii keessa dubartiin dhibiin waan hin hafiniif, namoota hafane kana eessaa niitii fuusinna ree?
JDG 21:17 Gosi takkaan Israa'el keessaa akka hin banne, gosi Beniyaaminii ka isaan dhaalu qabaattuu ti.
JDG 21:18 Te'uu malee nuuti, ‹Durra ifii gosa Beniyaaminii ka heerumsiise ka abaarame te'uu ti› jennee waan wol kakachiinnneerruuf, durra teenna isaan hin heerumsiinnu» jedhane.
JDG 21:19 Achiin duuba isaan, «Kunoo, qachaa Shiilo'oo ka qachaa Bet'elii irraa gara kaabaa, Lebonaa irraa gara kibbaa, karaa qachaa Bet'elii ka gara qachaa Sheekemii geessu irraa gara aduun baatu jirtuutitti, jilti Mootii Waan Maraa wogguma wogga'aan jilifanti» jedhanee yaadane.
JDG 21:20 Maarre isaan gosa Beniyaaminiitiin, «Dhaqa'aatii muka woyni'ii keessatti ripha'aatii,
JDG 21:21 eega'a; yennaa durri Shiilo'oo jila keessatti sirbiisaaf dhuttu, muka woyni'ii keessaa rukkisa'aa baya'aatii, tokko tokkoon keessanuu durra Shiilo'oo buta'aa niitii godhadha'aatii, gara lafa Beniyaaminii deema'a.
JDG 21:22 Abbootiin isaanii yookiin obboleeyyan isaanii dhufanee yoo nutti himatane, nuuti isaaniin, ‹Yennaa lolaa, isaan maraayyuu niitii fuusisiisaaf durra hin dhaggine; isinille durra teessan waan itti hin heerumsiisiniif, yakkaa hin qaddanu; tanaaf nu'uuf jedha'aatii mararti'iin isaan ilaala'a› hin jenna» jedhane.
JDG 21:23 Worri Beniyaaminii akkuma isaan jedhane godhane; duraa sirbitu san keessaa tokko tokkoon isaaniituu butanee niitii godhatane. Achiin duuba gara lafa ifii deebi'anee, qachootalle deebisanee ijaarratanee keessa qubatane.
JDG 21:24 Yennuma san Israa'elooti achii ka'anee, gara gosa gosa ifiitii fi gara maatii maatii ifii, tokko tokkoon isaaniituu gara lafa ifii deebi'ane.
JDG 21:25 Yennaa san Israa'elooti mootii waan hin qanneef, nami martinuu waanuma fedhe godhaayyu.
RUT 1:1 Bara durii, yennaa abbootiin mura'aa biyya Israa'elii bulchitu, beelti biyyatti buunaan, namichi tokko ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa, haadha manaa ifiitii fi ijoollee ifii ta dhiiraa lamaan woliin gara lafa Mo'aabii godaane.
RUT 1:2 Maqaan namicha sanii Eliimelek; haati manaa isaalle Naa'oom; ilmaan isaa lamaan ammoo Maahiloonii fi Kiliyoon. Isaan dhalootaan worra Efraata'aa, ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa ti. Isaan biyya Mo'aabii dhaqanee achi qubatane. Adoo achi le'anuu,
RUT 1:3 abbaan manaa Naa'oomii, Eliimelek du'e. Isiin ilmaan ifii lamaan woliin hatte.
RUT 1:4 Isaan lamaanuu durra gosa Mo'aabii fuudhane; maqaan takka'aa Orpha'a, tuun ammoo Ruuti. Gara woggaa kudhanii achi le'aneeranuun,
RUT 1:5 Maahiloonii fi Kiliyoonille du'ane; tanaaf Naa'oom abbaa manaa ifiitii fi ilmaan ifii lamaanuu dhaddee hatte.
RUT 1:6 Naa'oom adoo biyya Mo'aabii jirtuu, akka Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii qaabatee midhaan kenneef waan dhageetteef, niitota ilmaan ifii woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf kaate.
RUT 1:7 Maarre isiin addee le'aa turte sanii kaatee, niitota ilmaan ifii lamaanuu woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf deemiisa jalqabane.
RUT 1:8 Naa'oom ammoo niitota ilmaan ifii lamaaniinuu, «Gara mana haadhotii teessanii deebi'a'a. Akkuma isin anaa fi worra isin irraa du'eef dansaa gootane, Mootiin Waan Maraa waan dansaa isinii godhu.
RUT 1:9 Tokko tokkoon keessanuu deebitanee heerumtanee, bulii dansaa akka dhaggattanu Mootiin Waan Maraa isin qarqaaru» isaaniin jette. Achiin duuba isiin sunqattee nageya itti dhaante; isaan ammoo iyyanee bowanee,
RUT 1:10 «Waawwo'o, nuuti si woliin gara kolbaa teetii ideenna» isi'iin jedhane.
RUT 1:11 Naa'oom ammoo, «Durra tiyya, deebi'a'a, maaf na woliin deentan? Ani ilmaan dhibii ta isin dhaaltu gadhaa kiyya keessaa qaba seetanii?
RUT 1:12 Durra tiyya, deebi'a'a, karaa keessan qabadha'a, ani akka malee waan dulloomeef hin heerumu. Ani silaa yoo addii qabaadheeyyuu, edanumaayyuu heerumee, ilmaanille deye,
RUT 1:13 haga isaan gugurdatanutti hin eegattanii? Tanaaf jettanee heeruma dhaddanii ree? Waawwo'o, durra tiyya, waan harki Mootii Waan Maraa natti fideen, akkas te'uun keessan guddoo na gaddisiitteerti» isaaniin jette.
RUT 1:14 Achiin duuba isaan ammalle iyyanee wolitti bowane. Orphaan haadha sodda'aa ifii sunqattee nageya itti dhaante, Ruuti ammoo itti maxxante.
RUT 1:15 Maarre Naa'oom, Ruutiin, «Ilaa, Masaanuun teeti gara kolbaa ifiitii fi waaqota ifii deebiteerti; atille masaanuu teeti gula deebi'i» jette.
RUT 1:16 Ruuti ammoo, «Si biraa akka deemu yookiin duubatti akka deebi'u na hin uttisin! Addee ati deentu, anille hin deema; addee ati leetu, anille hin le'a; kolbaan teeti kolbaa tiyya, Waaqi keeti Waaqa kiyya naa hin te'a.
RUT 1:17 Addee ati itti duututti, anille hin du'a; achitti hin awwaalama, du'a malee wonni si irraa gargar na baasu yoo jiraatte, Mootiin Waan Maraa natti muruu ti!» jette.
RUT 1:18 Naa'oom akka Ruuti isii woliin deemiisaaf murteeffatte yennaa dhaggite, dabaltee womaa hin dubbanne.
RUT 1:19 Maarre isaan lamaan haga Beeteelem geyanutti deemane. Yennaa isaan Beeteelem geyane, qachaan duudiin sababa isaaniitiif girrise; dubartootille, «Tun dhugumaan Naa'oomii?» jedhane.
RUT 1:20 Isiin, «Naa'oom jettanee na hin waamina'a, Waaqi Waan Mara Dande'u jiruu tiyya waan natti hadheesseef, ‹Maaraa› naan jedha'a!
RUT 1:21 Guutuu asii baye, Mootiin Waan Maraa ammoo duwwaa deebisee na galche; eega Mootiin Waan Maraa na rakkisee, Waaqi Waan Mara Dande'u waan hantuu natti fidee, maaf, ‹Naa'oom› naan jettan?» jetteen.
RUT 1:22 Maarre Naa'oom niitii ilma ifii, ta gosa Mo'aabii, Ruuti woliin, biyya Mo'aabii irraa deebite. Isaan yennaa jalqaba haammaa garbu'uu qachaa Beeteelemii geyane.
RUT 2:1 Naa'oom namicha dureessa beekkamaa, worra Eliimelekii ka te'e, Bo'az ka jedhamu, fira dhirsa isi'ii ka te'e tokko qaddiiyyu.
RUT 2:2 Gaafa tokko intalti gosa Mo'aabii Ruuti, Naa'oomiin, «Me gara fichaa nama fuula isaa duratti fudhatama dhaggadhuu dhaqee duubaan woxoo qocadha» jette; Naa'oomille, «Intala tiyya, deemi» jetteen.
RUT 2:3 Maarre isiin dhaxxee, fichaa keessa worra midhaan haamu duubaan woxoo qocatte. Ada fichaan isiin woxoo qocattuun sunuu, fichaa Bo'azii worra Eliimelekiitiiyyu.
RUT 2:4 Yoosuma Bo'az Beeteelem irraa dhufee, worra midhaan haamuun, «Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatu» jedhee nageya fuudhe. Isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jedhane.
RUT 2:5 Achiin duuba Bo'az, «Intalti dargaggeettiin tun ta eennuuti?» jedhee itti gaafatamaa worra midhaan haamuu gaafate.
RUT 2:6 Tajaajilichi itti gaafatamaan worra midhaan haamuu sun deebisee, «Isiin intala Naa'oom woliin biyya Mo'aabii irraa dhutte.
RUT 2:7 Isiin, anaan ‹Maganne'ee, worra midhaan haamu duubaan odduu ladde'eetii woxoo qocadha› jette. Ganamaa jalqaddee haga ammaa woxoo qocataa turtee, amma gaaddisa jalatti diqqoo foora fudhatiisatti jirti» jedhe.
RUT 2:8 Achiin duuba Bo'az Ruutiin, «Intala tiyya, na dhage'i; dubartoota hojjattoota as jirtu gula woxoo qocadhu malee, fichaa kana lakkittee, fichaa dhibii keessaa woxoo qocatiisaaf hin dhaqin.
RUT 2:9 Fichaa isaan haamanu ilaan qabii, isaan faana deemi. Dargaggeeyyiin dhiiraa akka si hin nunnussine ani ajajeera. Yennaa dheebotte, okkotee isaanii keessaa dhaqii uni» jedheen.
RUT 2:10 Achiin duuba Ruuti fuulaan lafatti gad jiddee, «Ani orma tokko yennaa te'u, ati akka naa yaadattu, fuula keeti duratti maaf fudhatama dhaggadhe?» isaan jette.
RUT 2:11 Bo'az ammoo deebisee, «Haga abbaan manaa keeti du'ee wonni ati haadha sodda'aa teetii goote marti, abba'aa fi haadha teeti, lafa itti dhalattelle lakkittee gara kolbaa duraan hin beennee attam akka dhutte, guutumatti martinuu natti himameera.
RUT 2:12 Hujii teetiif Mootiin Waan Maraa sii kaffalu. Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ka bobaa isaatitti dheette kaffaltii guutuu sii kaffalu» jedhe.
RUT 2:13 Achiin duuba Ruuti, «Ani tajaajiltoota teeti keessaa takkaa te'uu dhabulle, waan na jajjabeessitee ana tajaajiltuu teetitti gadhi laafinnaan dubbatteef, goottaa kiyya, fuula keeti duratti ani fudhatama hin dhabin» jette.
RUT 2:14 Yennaa sagalee nyaataatitti Bo'az, isi'iin, «As koy, daabboo tana itto'otti cuuphadhuu nyaadhu» jedheen; maarre isiin worra midhaan haamu bira teette; Bo'azille akum'ee garbuu sanii isii dura qabe. Isiin haga quuttutti nyaattee, hambaalle hatteef.
RUT 2:15 Yennaa isiin woxoo qocatiisaaf kaate, Bo'az hojjatoota ifiitiin, «Odduu ladde'eelle'ee woxoo qocattuutii, isii hin xixina'a.
RUT 2:16 Laddee keessalle'ee luqqisaa, akka isiin woxoo qocattu lakkisa'aaf, isii hin xixina'a» jedhe.
RUT 2:17 Maarre Ruuti haga galgalaatitti fichaa keessaa woxoo qocatte. Achiin duuba woxoo qocatte san sukkuumattee garbuu gara kiiloo kudhanii te'e.
RUT 2:18 Ruuti garbuu san fudhattee gara qacha'aa dhuttee, woxoo hagam geettu akka qocatte haadha sodda'aa ta ifiititti mudhitte. Achiin duuba Ruuti nyaattee quutteertuun hambaa irraa hatte fuutee haadha sodda'aa ifiitiif kennite.
RUT 2:19 Haati sodda'aa ta isi'ii, «Ati adha eessaa woxoo qocatte? Eessa hujatte? Nama siif yaade san Waaqi eebbisuu ti» jetteen. Maarre Ruuti, «Maqaan namicha ani adha fichaa isaa keessa hujadhee Bo'az» jettee haadha sodda'aa ta ifiititti hinte.
RUT 2:20 Achiin duuba Naa'oom niitii ilma ifiitiin, «Mootiin Waan Maraa ka worra jiruu fi worra du'elle'eef arjummaa ifii hin lakkinne, isa eebbisu» jette. Ammalle Naa'oom, Ruutiin, «Namichi sun fira aanti'ii keenna; inni nama nu dhaalu» jette.
RUT 2:21 Achiin duuba Ruuti, «Inni ‹Haga midhaan kiyya mara haamamee fixamutti, hojjatoota tiyya biraa hin fagaatin› naan jedheera» jetteen.
RUT 2:22 Naa'oom, Ruutii niitii ilma ifiitiin, «Intala tiyya, dubartoota hojjattoota isaa woliin hujachuu sii woyya; fichaa nama dhibi'ii yoo dhaxxe si rakkisan fa te'a» jette.
RUT 2:23 Maarre Ruuti haadha sodda'aa ifii woliin le'aa, dubartoota Bo'azii hojjatanu irraa adoo hin fagaatin, haga qamadi'ii fi garbuun haamamanee fixamanutti woxoo qocatte.
RUT 3:1 Naa'oomiin haati sodda'aa ta isi'ii, «Intala tiyya, ati mana qabaattu sii dansa'aa, ani bultii sii barbaada.
RUT 3:2 Bo'aziin ati dubartoota hojjattoota isaa woliin hujju, fira aanti'ii keenna; kunoo inni galgala adhaa garbuu eeddumme'etti hin qulleeffata.
RUT 3:3 Amma nafa dhiqadhuu, dibadhuu, woyaa adduu teeti uffadhuu gara eeddumme'ee gad dhaqi; ammoo haga inni nyaataa fi unii fixatutti itti hin mudhatin.
RUT 3:4 Yennaa inni irkate, addee inni irkate hubadhu; achiin duuba, dhaqiitii miila isaa irraa woyaa saaqiitii miila isaa jalaan irkadhu; innille waan ati gootu sitti hin hima» isi'iin jette.
RUT 3:5 Ruuti deebittee, «Waan maraayyuu akkuma ati jette hin godha» jetteen.
RUT 3:6 Maarre Ruuti gara eeddumme'ee gad dhaxxee akkuma haati sodda'aa isi'ii jetteen goote.
RUT 3:7 Bo'az nyaatee uneen duuba, gammadaan, tuulaa garbu'uu bira irkatiisaaf dhaqe. Achiin duuba Ruuti suutaan dhuttee, miila isaa irraa woyaa saaxxee, jalaan irkatte.
RUT 3:8 Halkan wodhakkaa Bo'az dedhuma dammaqee, garagalee, dubartiin takka, miila isaa jalaan irkatteertuun dhaggee baaseffate,
RUT 3:9 «Ati eennu?» jedhee gaafate. Isiille deebittee, «Ani tajaajiltuu teeti Ruuti, goottaa kiyya; ati fira aanti'ii waan teeteef, ati eegunsa naa godhiisaaf itti gaafatamummaa qadda. Tanaaf na dhaali» jetteen.
RUT 3:10 Inni, «Intala tiyya, Mootiin Waan Maraa si eebbisu; addatamummaan teetii ta ammaa tun ta dur haadha sodda'aa teetiif goote caalti; hiyyeessalle te'ee yookiin dureessa, ati dargaggeeyyii gula hin deenne.
RUT 3:11 Ammalle, intala tiyya, hin sodaatin; akka ati dubartii dansa'aa kolbaan tiyya duudiin waan beettuuf, waan ati na gaafatu mara siif hin godha.
RUT 3:12 Fira aanti'ii te'uun kiyya dhuguma; te'uu malee na caalaa fira aanticha ka te'e nama dhibi'itti jira.
RUT 3:13 Edana as buli; barii, inni yoo si dhaale dansa'a; dhaaluu ti. Inni si dhaaluu ka hin feene yoo te'e, Mootii Waan Maraa jiraata'aan kakadha, ani si dhaala; haga bariitutti irkadhu!» jedheen.
RUT 3:14 Maarre isiin haga bariitutti miila isaa jala irkatte; ammoo gara eeddumme'ee akka isiin dhutte eennulle akka beeku, Bo'az waan hin barbaadiniif, Ruuti barii caararra'aan kaate.
RUT 3:15 Achiin duuba inni Ruutiin, «Qophisoo uffatteertu as fidii afi» jedhe; isiille atte, innille garbuu gara kiiloo diddamaa itti ba'achiise; achiin duuba isiin gara qacha'aa deebite.
RUT 3:16 Ruuti gara haadha soddaa ifii Naa'oomii yennaa deebite, Naa'oom, «Intala tiyya, dubbiin attam sii teete?» jettee gaafatte. Achiin duuba Ruuti waan Bo'az godheef mara itti odeessitee,
RUT 3:17 «Inni, ‹Harka duwwaa gara haadha sodda'aa teeti hin deebi'in› naan jedhee, garbuu gara kiiloo diddamaa kana naa kenne» jette.
RUT 3:18 Naa'oom deebittee, «Intala tiyya, namichi adha dubbii hobbaasu malee waan hin foorfanneef, haga deebii dubbii tanaa dhaggitutti eegadhu» jette.
RUT 4:1 Bo'az gara addee karra yaa'ii qacha'aa dhaqee achi tee'e. Namichi fira aanti'ii, ka Bo'az dubbateeru kuun, achiin dabariisaaf dhufe. Maarre Bo'az, «Jaali, koottu me; as tee'i» jedheen. Innille dhaqee tee'e.
RUT 4:2 Achiin duuba Bo'az jaarsolee qacha'aa nama kudhan fudhatee, «As tee'a'a» jedheen. Yennaa isaan tee'ane,
RUT 4:3 inni namicha fira aanti'iitiin, «Naa'oom, ta biyya Mo'aabiitii deebite, lafa qooda Eliimelekii fira keennaa gurguratiisaaf barbaaddi.
RUT 4:4 Atille marroo waan kanaa beekuu qadda jedhee yaade. Amma, worra as tee'u kanaa fi jaarsolee tana duratti bitadhu. Yoo bitatuu feete, bitadhu; yoo hin feene ammoo, akka beekuuf, natti himi; sababille bitatiisaaf nami dursu'uu male si'i, anille sitti aana» jedhe. Namichi, «Ani hin bitadha» jedhe.
RUT 4:5 Achiin duuba Bo'az, «Guyyaa lafa Naa'oom irraa bitattu, maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, Ruutii Mo'aabittii, haadha hiyyeessaalle hin dhaalta» jedheen.
RUT 4:6 Namichi fira aanti'ii, «Yoo akkas teete, ijoolleen tiyya waan hin dhaalleef ani hin bitadhu; ani waan hin bitanneef, haqa kiyya fudhadhuutii atummaan bitadhu» jedhe.
RUT 4:7 Dur biyya Israa'elii keessatti, bitataa fi jijjiirata irratti: dubbii mirkaneessiisaaf, nami tokko kophee baafatee kaaniif kenniis aada'a; Israa'el keessatti akka kanaan bitta'aa fi jijjiirraan seera qabeessa te'a.
RUT 4:8 Tanaaf namichi fira aanti'ii kuun, Bo'aziin, «Atummaan ifumaaf bitadhu» jedhee kophee ifii baafatee kenne.
RUT 4:9 Achiin duuba Bo'az jaarsole'ee fi kolbaa achi jirtu maraan, «Waan Eliimelekii, waan ilmaan isaa Kiliyoonii fi Maahiloon qabanulle maraayyuu, adha ani Naa'oom irraa akka bitadhe isin dhugaa tiyya.
RUT 4:10 Karra isaa irratti maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, biyya itti dhalatee fi kolbaa isaa keessaa maqaan isaa akka hin banne, Ruutii biyya Mo'aabii ta Maahiloon irraa du'e, akka niitii naa teetu, ani fuudheera. Tana duudi'iif isin adha dhugaa tiyya» jedhe.
RUT 4:11 Achiin duuba jaarsole'ee fi kolbaan addee yaa'i'ii jirtu marti, «Ee, nuuti dhugaa sii teena. Mootiin Waan Maraa dubartii gara mana keetii dhufaartu tana, akka Raahelii fi Liyaa ijoollee Yaaqoobiif horanee si'iif godhuu ti. Efraataa keessatti hori; Beeteelem keessalle'etti beekkam.
RUT 4:12 Ilmaan Mootiin Waan Maraa karaa intala tanaatiin sii kennuun, maatiin teeti akka maatii Faaresii, ka Taamaar Yihuda'aaf deettee teetu» jedhane.
RUT 4:13 Maarre Bo'az Ruuti fuudhee niitii teeteef. Yennaa isaan wol bira geyane, Mootiin Waan Maraa isii eebbisee, isiin ulfoottee ilma deette.
RUT 4:14 Achiin duuba dubartooti qachaa Beeteelemii, Naa'oomiin, «Ka akkoo si kunuunsu adha sii kenne, guddinni Mootii Waan Maraatiif te'u. Israa'el keessatti maqaan muca'aalle ka beekkame te'u!
RUT 4:15 Niitiin ilma keetii si jaalatti; ilmaan torba sii caalti. Amma ilma bara dullummaa teetii si soorachiisuu fi jiruu teeti haaressu sii deetteerti» jedhaneen.
RUT 4:16 Achiin duuba Naa'oom mucaa fudhattee habbaaratte; kunuunsitelle gudditte.
RUT 4:17 Dubartooti ollaa sanii, «Ilmi Naa'oomiif laa dhalate» jedhanee, maqaa muca'aa, «Yoobeed» baasane. Yoobeed abbaa Iseyii ti; Isey abbaa Daawitii ti.
RUT 4:18 Sanyiin Faaresii isaan kana: Faares, Hesrom uumate,
RUT 4:19 Hesrom, Raam uumate; Raam, Aminaadaab uumate,
RUT 4:20 Aminaadaab, Nahasoon uumate; Nahasoon, Salmoon uumate.
RUT 4:21 Salmoon, Bo'az uumate; Bo'az, Yoobeed uumate;
RUT 4:22 Yoobeed, Isey uumate; Isey Daawiti uumate.
1SA 1:1 Biyya koobittii Efreemii, qachaa «Raamataayim-Zofiim» jedhamu keessa namichi, «Elqaanaa» jedhamu tokko jiraayyu; inni abutturoo Zuufii, abuuboo Tohuu, akaakoo Eliihu'uu, ilma Yerohaamii ti.
1SA 1:2 Inni haadha manaa lama qaba; maqaan takkatti'ii Haannaa, ta taanii ammoo Phiniina'a. Phiniinaan ijoollee qaddi; Haannaan ammoo hin qaddu.
1SA 1:3 Elqaanaan wogguma wogga'atti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi ciincaa dhikeessiisaaf qachaa ifiitii gara Shiilo'oo deemaayyu; achitti ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas hayyoota Mootii Waan Maraa te'anee tajaajilaniiyyu.
1SA 1:4 Elqaanaan yennaa ciincaa dhikeessu mara foon ciinca'aaf dhikaate san irraa haadha manaa ifii Phiniina'aaf, ilmaan isi'iitii fi ijoollee isi'ii ta durraa maraaf qooda hin kennaayyu;
1SA 1:5 inni Haannaa waan jaalatuuf qooda dachaa lama isi'iif kenna; te'uu malee Mootiin Waan Maraa isii deya dhooggeeraayyu.
1SA 1:6 Mootiin Waan Maraa deya isii waan dhooggeef masaanuun isi'ii isii aarsitee bilinjeessite.
1SA 1:7 Tunille wogguma wogga'atti waan teetuuf, Haannaan yennaa gara Galma Mootii Waan Maraa dhaxxu mara, boottee nyaata haga dadhaddutti, masaanuun isi'ii isii bilinjeessiti.
1SA 1:8 Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan isi'iin, «Haanna'a! Ati maaf bootta? Maaf sagalee hin nyaatin? Maaf gadhaan keeti gadda? Ani ilmaan kudhan si'iif hin caaluu?» jedhee isii gaafate.
1SA 1:9 Gaafa tokko isaan Shiilo'otti nyaatanee unaneen duuba Haannaan kaatee dhaabbate; Eliin hayyichi garuu mikikkila Galma Mootii Waan Maraa bira barcumaa irra tee'eeraayyu.
1SA 1:10 Haannaan guddoo gadditee laaleffattee bowaa gara Mootii Waan Maraa daadimatte.
1SA 1:11 Isiin, «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, salphinna na garbittii teetii ilaaltee naa yaadattee, na dedhuu dhaddee, ilma yoo naaf kennite, ani bara jiruu isaa mara isa si'iif hin kenna; rifeensi mataa isaalle ijjumaa hin haadamu» jettee waadaa galte.
1SA 1:12 Haannaan gara Mootii Waan Maraa yennaa daadimataa turte, Eliin afaan isi'ii ilaale.
1SA 1:13 Isiille gadhaa ifii keessatti waan daadimattuuf, hidhiin isi'ii hin tachooti malee qoonqoon isi'ii hin dhage'anne; tanaaf Eliin waan isiin machootte seye.
1SA 1:14 Inni isi'iin, «Ati haga yoomii machootta? Daadhii woyni'ii tana ifi irraa fageessi» jedhe.
1SA 1:15 Haannaan ammoo deebittee, «Waawwo'o, goottaa kiyya! Ani daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unne; ani dubartii gadda guddaa irra jirtu; tanaaf rakkinna kiyya gara Mootii Waan Maraa dhikeeffatiisatti jira.
1SA 1:16 Ani gaddii fi aariin natti bacatanee haga kana mara daadimatiisatti waan jiruuf ana garbittii teeti akka waan woy hin baaneetitti hin laakkowin» jetteen.
1SA 1:17 Achiin duuba Eliin deebisee, «Nageyaan deemi! Waaqi Israa'elii waan ati isa gaafatte si'iif kennuu ti» jedheen.
1SA 1:18 Isiille, «Ani garbittiin teeti si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jette. Achiin duuba kaatee ideente; sagalee nyaattee gaddiisalle lakkitte.
1SA 1:19 Isaan barii ganama ka'anee Mootii Waan Maraa duratti sagadane; achiin duuba gara mana ifii Raama'atti deebi'ane. Elqaanaan haadha manaa ifii Haannaa woliin rafee Mootiin Waan Maraa isii qaabate.
1SA 1:20 Maarre Haannaan ulfoottee yennaan geennaan ilma deettee, «Ani Mootii Waan Maraa gaafadhee isa dhaggadhe» jettee maqaa isaa Saamu'el baafatte.
1SA 1:21 Elqaanaan ciincaa wogga'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaa fi waadaa gale muummessiisaaf maatii ifii mara woliin gara Sheelo'oo ol baye.
1SA 1:22 Haannaan ammoo isa woliin ol hin baane; isiin abbaa manaa ifiitiin, «Annuun akkuma harma irraa gu'een, ani Mootii Waan Maraa dura isa hin dhikeessa; innille haga bara baraa achi hin le'a» jette.
1SA 1:23 Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan deebisee isi'iin, «Waan sitti tole godhi; inni haga harma irraa gu'u mana turuu ti; Mootiin Waan Maraa callaan waadaa ifii gale muummessuu ti» jedhe; maarre Haannaan haga ilmi isi'ii harma irraa gu'utti, hoosifataa mana turte.
1SA 1:24 Inni yennaa harma irraa gu'e, isiin dardara woggaa sadii, bullaa kiiloogiraama kudhanii fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko qabattee, mucaa san gara Galma Mootii Waan Maraa Shiiloo geessite. Inni yennaa san daa'ima diqqa'a.
1SA 1:25 Isaan dardara san yennaa qalane mucaa gara Eli'ii geessane.
1SA 1:26 Haannaan Eli'iin, «Ee goottaa kiyya, ka jiraataa teete; dubartiin as si dura dhaabbattee gara Mootii Waan Maraa daadimataa turte sun ana.
1SA 1:27 Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne.
1SA 1:28 Tanaaf, anille isa Mootii Waan Maraatiif hin kenna; innille bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif hin kennama» jette. Inni achitti Mootii Waan Maraa waaqonfate.
1SA 2:1 Haannaan daadimattee, «Gadhaan kiyya Mootii Waan Maraatitti hin gammada; jabeenni kiyya Mootii Waan Maraatiin ol ol jedheera. Inni waan na qarqaareef ani diinota kiyya irratti hin kolla.
1SA 2:2 «Ka akka Mootii Waan Maraa Woyyichi tokkolle hin jiru; ka akka isaa tokkolle hin jiru; rassaan akka Waaqa keennaa tokkolle hin jiru.
1SA 2:3 Mootiin Waan Maraa Waaqa beekaa nama mara madaalu waan te'eef hin koorina'a! Ifi jajiisaan hin dubbatina'a!
1SA 2:4 Guubeen worra jajjabaa caccabeera; worri dadhabaan ammoo jabaateera.
1SA 2:5 Worri qara quufee le'u sagalee diqqo'oof qaxarame. Worri qara beelaan le'u ammoo amma quufeera. Maseentittiin torba deetteerti; ta ijoollee bacaa qaddu ammoo dadhaddeerti.
1SA 2:6 Mootiin Waan Maraa ijjeesee hin kaasa; addee worri du'e jiru gad buusee hin baasa.
1SA 2:7 Mootiin Waan Maraa hin hiyyoonsa; hin duroonsalle'e. Inni gad hin qaba; olille hin qaba.
1SA 2:8 Inni hiyyeessa bukuu irraa ol hin kaasa; rakkataalle tuulaa daadha'aa irraa ol hin kaasa. Worra jajjabaa woliin isaan hin teessisa; barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaalle isaaniif hin kenna. Sababille utubooti biyya lafaa ka Mootii Waan Maraa ti; inni biyya lafaa isaan irratti dade.
1SA 2:9 Nami jabeenna ifiitiin waan hin injifanneef, Mootiin Waan Maraa ideensa worra isaaf addatamee hin eega; hamaaleyyiin ammoo dukkana keessatti hin badan.
1SA 2:10 Worri Mootii Waan Maraa mormu hin caccaban; inni isaan loliisaaf ol gubbaa irraa hin balaqqisa. Mootiin Waan Maraa biyya lafaa mara irratti muraa hin kenna; inni nama ifii mootii godheef jabeenna hin kenna; nama ifii muudelle'eef ulfinna hin kenna» jette.
1SA 2:11 Achiin duuba Elqaanaan gara mana ifii Raama'atti dhaggamuu deeme; mucaan ammoo Elii hayyicha duratti Mootii Waan maraa tajaajile.
1SA 2:12 Ilmaan Eli'ii ilmaan bu'aa hin qanne; isaan Mootii Waan Maraa hin beenne.
1SA 2:13 Yennaa nami tokko ciincaa dhikeessu aadaa hayyooti kolbaa woliin qaddutti jira; foon ciinca'aaf dhikaate yennaa iffeelamu tajaajilaan hayyichaa filaa foonii ka quba sad qabu qabatee dhufa;
1SA 2:14 inni filaa foonii san okkotee foon itti iffeelamu san keessa keyee waan filaan sun baase mara hayyichi ifiif fudhata; isaan Israa'eloota gara Shiilo'oo dhufane mara irratti tanuma godhan.
1SA 2:15 Moorri adoo hin gubaminiin dura, tajaajilaan hayyichaa gara nama ciincaa dhikeessuu dhufee, «Hayyichi foon dheedhii malee ka iffeelame waan si irraa hin fudhanneef, foon isaaf woddu natti kenni» jedha.
1SA 2:16 Nami sun isaan, «Qara isaan moora gubanuu ti; achiin duuba haga barbaadde fudhadhu» yoo isaan jedhe, tajaajilaan hayyichaa, «Waawwo'o, ammuma kenni! Yoo didde hunnaan fuudha» jedhaayyu.
1SA 2:17 Ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikaatu waan tuffataneef, cubbuu ilmaan Eli'ii tun Mootii Waan Maraa duratti guddoo teete.
1SA 2:18 Saamu'el adoo daa'imaatuu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee, Mootii Waan maraa tajaajile.
1SA 2:19 Haati isaa abbaa manaa ifii woliin wogguma wogga'aan ciincaa dhikeessiisaaf yennaa dhaxxu mara qoloo diqqoo takka hujjee wogguma wogga'aan isaaf geessitiiyyu.
1SA 2:20 Achiin duuba Eliin, «Addee mucaa isiin daadimattee Mootii Waan Maraa irraa dhaggattee isaaf kennite sanii, Mootiin Waan Maraa dubartii tana irraa sanyii dhibii si'iif kennuu ti» jedhee Elqaana'aaf haadha manaa isaa eebbise. Achiin duuba isaan gara mana ifii deebi'anee deemane.
1SA 2:21 Mootiin Waan Maraa Haannaa yaadatee, isiin ulfoottee ilmaan sadii fi ijoollee durraa lama deette. Saamue'eliin dargaggeessichille Mootii Waan Maraa duratti guddate.
1SA 2:22 Eliin guddoo dulloome; ilmaan isaa Israa'eloota mara keessatti waan godhiisatti jiranuu fi dubartoota seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura tajaajilanu woliin attam akka isaan sagaagalane dhage'e.
1SA 2:23 Inni isaaniin, «Ani hammeenna hujii teessanii kolbaa mara irraa waan dhage'uuf, isin maaf tana hujjan?
1SA 2:24 Waawwo'o, ilmaan tiyya! Oduun kolbaa Mootii Waan Maraa keessa facaatuun ani dhage'u tun dansa'aa moti.
1SA 2:25 Nami tokko yoo nama yakke Mootiin Waan Maraa wodhakkaa galee muraa hin kenna; nami tokko yoo Mootii Waan Maraa yakke ammoo eentu wodhakkaa galee muraa kenna ree?» jedheen. Te'uu malee Mootiin Waan Maraa akka isaan du'anu waan barbaadeef, isaan gorsa abbaa ifii hin dhageenne.
1SA 2:26 Saamu'eliin dargaggeessichi hojja'aa fi fudhatama dhaggatiisaan Mootii Waan Maraatii fi nama duralle'etti guddate.
1SA 2:27 Raagaan tokko gara Eli'ii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Abbootiin teeti ta durii biyya Gibxi'ii keessatti Fara'ooniif garboota yennaa te'ane, ani isaanitti hin mudhannee ree?
1SA 2:28 Akka inni hayyuu naaf te'u, akka inni ciincaa naaf dhikeessu, akka inni hixaana naaf aarsu, akka inni na duratti woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffatu, gosa Israa'elii mara keessaa ani abbaa abbootii teetii ta durii filadheera; ciincaa gubamu ka Israa'elooti duri naaf dhikeessitu mara ani sanyii abbaa keeti ka duriitiif kenne.
1SA 2:29 Isin ciinca'aa fi kennansa addee bultuma tiyyaatitti akka naaf dhikaatu ani ajaje maaf tuffatane? Ilmaan teeti kennansa kolbaan tiyya Israa'el naaf dhikeessitu irraa dadansaa nyaatanee akka fufurdatanu, ati maaf na caalaa isaaniif ulfinna kennite?
1SA 2:30 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani maatii teetii fi maatiin abbaa keetii haga bara baraa akka ana tajaajilanu waadaa galeeraayyu; amma ammoo tun ijjumaa hin teetu; worra ulfinna naa kennuuf, anille ulfinna isaaniif hin kenna; worri na tuffatulle ijjumaa hin tuffatama.
1SA 2:31 Kunoo, sanyii teeti keessatti jaarsi akka hin dhaggane, guyyaan ani si'ii fi maatii abbaa keetii balleessu dhikaateera.
1SA 2:32 Achiin duuba ati addee bultuma tiyyaatitti rakkinna hin dhaggita; wonni dansaan Israa'eliif teetulle, maatii teeti keessatti jaarsi hin dhaggamu.
1SA 2:33 Nama keeti keessaa akka inni addee ciinca'aa tiyya tajaajiluuf, ka ani jiru'uun lakkisu, ilti teeti akka jaamtuu fi gadhaan keeti akka gadduuf, sababa hin te'a; garuu sanyiin teeti marti shallaaga'aan hin dhumatti.
1SA 2:34 Ilmaan teeti lama Hofnii fi Fiinehaas irratti wonni te'u beessisa si'iif hin te'a; isaan lamaanuu guyyuma tokko hin du'an.
1SA 2:35 Ani hayyicha addatamaa ka akka gadhaa kiyyaatii fi akka yaada kiyyaa na tajaajilu hin kaafadha; ani mana isaa jabeessee hin dhaaba; innille haga bara baraa nama ani muudadhe hin tajaajila.
1SA 2:36 Sanyii teeti keessaa nami lubbu'uun hafe marti gara hayyicha sanii dhaqee, beesee diqqo'oon yookiin daabboo xaltaa tokko dhaggatiisaaf isa duratti sagadaa: Maganne'e, sagaluma guyyaa guyya'aan afaaniin qabu callaa akka dhaggadhu hujii hayyumma'aa ta feetelle teetu naaf kenni jedhaa isa hin kadhata› jedha» jedhe.
1SA 3:1 Saamu'eliin dargaggeessichi Elii duratti Mootii Waan Maraa tajaajilaayyu; bara san Mootiin Waan Maraa yennaa tokko tokko malee, namatti hin dubbatu; mudhiin bacaalle hin jirtu.
1SA 3:2 Eliin dulloomee, ilti isaa waan caararrootteef, gaafa tokko taqee ifii irra irkateeraayyu.
1SA 3:3 Saamu'elille addee Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa jiru, Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa keessa irkateeraayyu. Issaan Waaqaalle adoo hin dhaamin jiraayyu.
1SA 3:4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille, «Kunoo, ani as jira!» jedhee,
1SA 3:5 gara Eli'ii fiigee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedhe. Eliin ammoo, «Ani si hin waanne deebi'ii rafi» jedheen; maarre innille deebi'ee rafe.
1SA 3:6 Ammalle Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamee, innille ka'ee gara Elii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen. Eliin ammoo, «Ilma kiyya, ani si hin waanne; deebi'ii rafi» jedheen.
1SA 3:7 Tanaan qara Saamu'el Mootii Waan Maraa hin beeku; jechi Mootii Waan Maraalle isatti mudhatee hin beeku.
1SA 3:8 Ammalle Mootiin Waan Maraa yennaa sadeesso'oo Saamu'el waame; innille ka'ee gara Eli'ii dhaqee, «Ati waan na waanteef, kunoo, ani as jira» jedheen. Achiin duuba Eliin akka Mootiin Waan Maraa Saamu'el waamiisatti jiru hubate.
1SA 3:9 Tanaaf, Eliin Saamu'eliin, «Dhaqii rafi; inni ammalle yoo si waame, ‹Kunoo, ani garbichi keeti waan as jiruuf dubbadhu› jedhiin» jedhe. Maarre Saamu'elille deebi'ee taqee ifii irra rafe.
1SA 3:10 Mootiin Waan Maraa dhufee achi dhaabbate; akkuma qaraa, «Saamu'el! Saamu'el!» jedhee waame; Saamu'elille, «Kunoo, ani garbichi keeti dhage'aara dubbadhu» jedheen.
1SA 3:11 Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Kunoo, ani Israa'el keessatti waan dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle hin godha.
1SA 3:12 Guyyaa san ani jalqabaa kaasee haga dhumaatitti waan Eli'ii fi maatii isaa irratti dubbadhe mara hin muummessa.
1SA 3:13 Ilmaan isaa ana Waaqa akka faanshessite adoo beekuu, isaan waan hin xixiniif, yakkaa inni beeku saniif ani maatii isaa haga bara baraa akka adabu isatti himeeraayyu.
1SA 3:14 Tanaaf, ani ‹Yakkaan maatii Eli'ii ciinca'aan yookiin kennansaan haga bara baraa gumaan hin kennamu› jedhee maatii Eli'iitiif kakadheera» jedhe.
1SA 3:15 Saamu'el haga ganamaa rafe; achiin duuba ka'ee balbala Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa bane; mudhii dhagge sanille Elii'itti himiisa sodaate.
1SA 3:16 Eliin ammoo Saamu'el waamee, «Ilma kiyya Saamu'el» jedhe. Saamu'elille, «Kunoo, ani as jira» jedhe.
1SA 3:17 Eliin, «Mootiin Waan Maraa maan sitti dubbate? Ana hin dhossin! Waan inni sitti hime keessaa waan tokkolle yoo na dhossite, Waaqi waan hantuu sitti fiduu ti; waan hantuu irratti hantuu sitti dabaluu ti» jedhe.
1SA 3:18 Maarre Saamu'el waan tokkolle adoo hin dhossin waan mara isatti hime. Achiin duuba Eliin, «Inni Mootii Waan Maraa ti; waan fedhe godhuu ti» jedhe.
1SA 3:19 Saamu'el guddate; Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiruuf, wonni inni dubbate marti lafa hin buutu.
1SA 3:20 Kolbaan Israa'elii ta Daan irraa haga Bersheeba'aa jirtu marti Saamu'el dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane.
1SA 3:21 Mootiin Waan Maraa ammalle Shiilo'otti mudhatee, achitti karaa jecha ifiitiin Saamu'elitti mudhate.
1SA 4:1 Dubbiin Saamu'elii Israa'eloota mara dhaqqadde. Israa'elooti Filisxeemota loliisaaf bayanee addee, «Ebeen-Ezer» jedhantu qubatane; Filisxeemoti ammoo addee, «Afeq» jedhantu qubatane.
1SA 4:2 Filisxeemoti Israa'eloota loliisaaf tarree galane; lolli akkuma jabaateen, Filisxeemoti Israa'eloota injifatanee, lola san keessa Israa'elooti kum afur ijjeefamane.
1SA 4:3 Loltooti addee qubatanetti yennaa deebi'ane, jaarsoleen Israa'elii, «Mootiin Waan Maraa adha Filisxeemoti akka nu injifatanu maaf godhe? Akka inni nu woliin duulee harka diinota keennaa jalaa nu baasu, kowa'a dhandhee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Shiiloo keessaa as fidanna!» jedhane.
1SA 4:4 Maarre kolbaan namoota gara Shiilo'oo ergitee, Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka barcumaa mootumma'aa irra odduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaanii tee'eeruu, achii akka fidanu goote; ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san woliin achi jiraniiyyu.
1SA 4:5 Saanduqi Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa akkuma addee quttumaa dhufeen, Israa'elooti marti haga latti tachootutti guddoo ilillisane.
1SA 4:6 Filisxeemotille ililleettii san yennaa dhage'ane, «Ililleettiin guddoon ta addee quttuma Ibrootaatitti dhage'antu tun maan?» jedhanee gaafatane. Isaan Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara addee quttumaa akka dhufeeru yennaa beekane,
1SA 4:7 Filisxeemoti sodaatanee, «Waaqi dharaa tokko addee quttumaa dhufeera; tanaan qara wonni akkasii teetee waan hin beenneef, aanne'e nu'uuf!
1SA 4:8 Aanne'e nu'uuf! Harka waaqota dharaa jajjaba kana jalaa eentu nu baasuu dande'a ree? Isaan kun waaqota dharaa ka balaa adda addaatiin worra Gibxi'ii goomolee keessatti dhowane.
1SA 4:9 Ee Filisxeemota! Jabaadha'a! Dhiira te'a'a! Akkuma qara worri Ibrootaa isiniif garba te'e, isinille isaaniif garba akka hin teene, dhiira te'a'aatii lola'a!» woliin jedhane.
1SA 4:10 Maarre Filisxeemoti lolane; Israa'elootille injifatamanee marti isaanii gara mana ifii baqatane; nami bacaan dhumate; Israa'eloota keessaa loltooti kum soddom ijjeefamane.
1SA 4:11 Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa booji'amee, ilmaan Eli'ii lamaanuu Hofnii fi Fiinehaas ijjeefamane.
1SA 4:12 Guyyaa san nami gosa Beniyaaminii tokko gaddiisaan woyaa ifii tarsaasee, bukuu mata'atti naqatee, addee lolaa irraa gara Sheelo'oo fiigaa dhufe.
1SA 4:13 Yennaa inni achi geye, Eliin marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif gadhaan isa raafamee karaa qarqara barcumaa irra tee'ee eegatiisatti jiraayyu; nami sun gara qacha'aa dhufee waan te'e kana yennaa hime worri qachaa keessa jiru marti iyyane.
1SA 4:14 Eliin iyya tana yennaa dhage'e, «Hogaan kun maan?» jedhee gaafate; achiin duuba nami sun ariiti'iin dhufee oduu tana Elii'itti hime.
1SA 4:15 Eliin jaarsa woggaa sagaltamii saddeetii waan te'eef ilti isaa jaamtee woy dhagguu hin dande'u.
1SA 4:16 Nami sun Eli'iin, «Ani nama lola irraa dhufe; ani adha lola keessaa miliqee dhufe» jedhe. Eliin, «Ilma kiyya, maanti te'e ree?» jedhee gaafate.
1SA 4:17 Namichi oduu fidee dhufe sun deebisee, «Israa'elooti Filisxeemota duraa baqatane; loltooti hedduun dhumatanee, ilmaan teeti Hofnii fi Fiinehaasille lamaanuu du'aneeran; Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaalle booji'ameera» jedhe.
1SA 4:18 Nami sun marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa yennaa hime, Eliin karra bira barcumaa irra tee'eeru irraa gara duubaa jige; inni jaarsa dulloome furdaa waan te'eef mormi isaa cabee achumatti du'e; inni woggaa afurtama Israa'el irratti abbaa mura'aa te'eeraayyu.
1SA 4:19 Yennaa san niitiin ilma isaa ta Fiinehaasii ulfoottee deyiisa geetteertiiyyu. Isiin oduu booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii akka du'ane yennaa dhageette ciniinsuun itti bira tartee jilbiiffattee deette.
1SA 4:20 Isiin du'iisaaf yennaa worwaatattu, dubartooti isii bira jiranu, «Ilma deetteerta, jabaadhu!» jedhane. Isiin ammoo deebii hin kennine yookiin waan isaan jedhane miidhassitee hin dhageenne.
1SA 4:21 Isiin Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii waan du'aneef, «Ulfinni Israa'el irraa ka'eera» jettee, maqaa ilma ifii Ikaaboodi baatte.
1SA 4:22 Isiin ammalle, «Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, ulfinni Israa'el irraa fudhatameera» jette.
1SA 5:1 Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa booji'aneen duuba Ebeen-Ezer irraa gara qachaa Ashidoodii geessane.
1SA 5:2 Achiin duuba Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san fuudhanee gara galma waaqa dharaa ka, «Daagon» jedhamuu geessanee, Daagon bira keyane.
1SA 5:3 Kolbaan qachaa Ashidoodii boruyyaa ganama yennaa kaate, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; maarre isaan waaqa dharaa Daagon achii fuudhanee addee isaatitti deebisanee dhaabane.
1SA 5:4 Boruyyaa ganama ammoo yennaa ka'ane kunoo, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; mata'aa fi harki isaa lamaanuu irraa caccabee badhinna keessa bu'ee nafi isaa callaan hafeeraayyu.
1SA 5:5 Waan kanaaf, haga adhaa hayyooti Daagoniitii fi namooti galma Daagoonii seenanu marti gulantaa balbala galma waaqa dharaa ka Daagonii ka qachaa Ashidoodii keessaa irra hin ijjatanu.
1SA 5:6 Mootiin Waan Maraa kolbaa Ashidoodiitii fi kolbaa adaala isaanii jiranu mara guddoo rakkisee, balaa iitaa isaanitti buuse.
1SA 5:7 Worri Ashidoodii waan te'e kana yennaa dhaggane, «Waaqi nu'uu fi waaqa keenna Daagon waan adabeef, Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii as nu bira hin turin» jedhane.
1SA 5:8 Maarre isaan namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii kana maan goona?» jedhanee gaafatane. Bulchitootille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessa'a» jedhanee deebii kennane. Maarre isaanille Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessane.
1SA 5:9 Saanduqa Gondooro'oo san qachaa Gaatii geessaneen duuba, raafami guddaan te'e; Mootiin Waan Maraa namoota qachaa sanii adabee, diqqa'aa haga gudda'aatitti iita itti buuse.
1SA 5:10 Maarre isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san gara Eqroonii geessane; Saanduqi Gondooro'oo sun akkuma gara Eqroonii dhufeen ammoo kolbaan Eqroonii, «Isaan nu'uu fi kolbaa teenna ijjeesisiisaaf, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara keenna fidanee!» jedhanee iyyane.
1SA 5:11 Waaqi achitti waan isaan adabeef, raafam du'aa qachaa san duudii guute. Worri qachaa sanii namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Nuutii fi kolbaan teenna akka hin dhumanne, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii nu irraa fageessa'aatii addee isaatitti deebisa'a» jedhane
1SA 5:12 Worra du'a irraa hafe dhukkubi iitaa waan isaan rakkiseef, guddoo iyyane.
1SA 6:1 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa ji'a torba biyya Filisxeemotaa ture.
1SA 6:2 Achiin duuba Filisxeemoti hayyoota ifiitii fi worra moru waamanee, «Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan maraa maan goona? Addee isaatitti attam akka deebinnu mala nutti hima'a!» jedhane.
1SA 6:3 Isaanille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii yoo deebittane, kennansa sababa yakka'aatiif kennamu woliin deebisa'a malee duwwaa hin ergina'a. Achiin duuba isin hin fayyitan; innille maaf akka isin adabe hin beettan» jedhane.
1SA 6:4 Filisxeemotille, «Kennansi sababa yakka'aatiif isaaf erginu maan?» jedhanee gaafatane. Isaanille deebisanee, «Balaan isinii fi bulchitoota teessan mara irratti bu'e gosa tokko waan te'eef, akka laakkossa goottolee teessaniititti, fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane shanii fi fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamane shan erga'a.
1SA 6:5 Fakkii iitaa, fakkii hantuuta biyya teessan balleessiisatti jiruulle huja'aatii, ulfinna Waaqa Israa'eliitiif kenna'a; inni adabbii san isin irraa, waaqa keessanii fi biyya teessan irraa hin kaasa fa te'a.
1SA 6:6 Isin akka worra Gibxootaatii fi akka mootii Gibxi'ii maaf mataa jabaattan ree? Isaan Waaqi isaan adabeen duuba Israa'eloota gad lakkisanee, isaanille deemanee motii ree?
1SA 6:7 «Tanaaf garreettaa haareyaa fi sa'oolee hoosifatanu lama ta waanjoon irra hin keyamin qopheessa'aatii garreettaa san itti hidha'a; jabbii isaanii ammoo gara manaa deebisa'a.
1SA 6:8 Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fuudha'aatii garreettaa irra keya'a; fakkii worqi'ii ta sababa yakka'aatiif kennansa ergitanu san saanduqa keessa keya'aatii Saanduqa Gondooro'oo bira keya'a; achiin duuba garreettaan sun akka ideemuuf gad lakkisa'aatii
1SA 6:9 gara inni itti ideemu ilaala'a. Inni karaa biyya ifii gara qachaa Bet-Shemeshii yoo deeme, badii guddoo tana ka nutti fide Mootii Waan Maraa ti; karaa san yoo hin deemin ammoo badiin tun fedhuma nu irratti teete malee, ka nutti fide isaa moti» jedhane.
1SA 6:10 Isaanille akkuma isaanitti himame godhane; sa'oolee lama fuudhanee garreettaa itti hidhane; jabbii isaanii ammoo biraa deebisanee mana itti cufane.
1SA 6:11 Isaan Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa, fakkii hantuutaatii fi fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane san garreettaa san irra keyane.
1SA 6:12 Sa'ooleen sunille karaa irraa bita'aa fi midda adoo hin gorin madhataa gara Bet-Shemeshii deemane; bulchitooti Filisxeemotaalle haga meessaa Bet-Shemeshii isaan gula deemane.
1SA 6:13 Yennaa san worri Bet-Shemeshii dhooqa keessatti qamadii haammatiisatti jiraniiyyu; isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa dhagganee guddoo gammadane.
1SA 6:14 Garreettaan sun gara fichaa Iyaasu'uu ka nama Bet-Shemeshi keessa le'uu dhufee, dhakaa guddaa tokko bira dhaabbate; kolbaan muka garreettaa sanii falaxxee, sa'oolee qaltee kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikeessite.
1SA 6:15 Worri Lewwootaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi saanduqa meya worqi'ii qabu ka isii bira jiru san dhakaa guddaa sanirra keyane; guyyaa san worri Bet-Shemeshii kennansa gubamu dhikeessanee ciincaalle Mootii Waan Maraatiif ciincessane.
1SA 6:16 Bulchitooti Filisxeemotaa shan waan kana yennaa dhaggane guyyuma san gara Eqroonii deebi'ane.
1SA 6:17 Filisxeemoti fakkii iitaa shan ta worqii irraa hujamane, maqaa qachaa ifiitiin, takkaa marroo Ashidoodiitiif, takkaa marroo Gaaza'aatiif, takkaa marroo Ashiqaloniitiif, takkaa marroo Gaatiitiif, takkaa marroo Eqrooniitiif kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu Mootii Waan Maraatiif ergane.
1SA 6:18 Laakkossa fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamanelle marroo laakkossa qachoota dalleya dhaka'aa ka bulchitooti Filisxeemotaa shan bulchanu maraatii fi ollaa adaala san jiranuutiif ergane. Dhakaan guddaan ka Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa irra keyane, ka fichaa Iyaasuu nama Bet-Shemeshi keessa le'uu bira jiru sun haga adhaa dhugaa bayaa te'ee achi jira.
1SA 6:19 Worri Bet-shemeshii Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa keessa waan ilaalaneef, inni namoota Bet-shemeshii keessaa nama torbaatama ijjeese; Mootiin Waan Maraa akka malee kolbaa waan fixeef, kolbaan bootte.
1SA 6:20 Achiin duuba kolbaan Bet-Shemeshii, «Mootii Waan Maraa, Waaqa Woyyicha kana dura eentu dhaabbatuu dande'a ree? Saanduqi Gondooro'oo kun asii ka'ee gara eennuu dhaqa ree?» jedhane.
1SA 6:21 Maarre isaan gara worra Kiriiyat-Ya'ariimii namoota erganee, «Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa gara keenna deebisaneeran. Kowa'aa fudhadha'a» jedhane.
1SA 7:1 Namooti qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii dhufanee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fudhatanee, gara mana Abinaadaabii ka kooba irra jiruu geessane. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san akka eeguuf ilma isaa Ele'azaar woyyoonsane.
1SA 7:2 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Kiriiyat-Ya'ariim keessa yennaa dheertuu, gara woggaa diddamaa ture. Kolbaan Israa'elii marti yennaa tana gara Mootii Waan Maraa iyyite.
1SA 7:3 Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, waaqota ormaa fi waaqa dharaa Ashitaaroti odduu teessanii balleessa'a; gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii waan Maraa deebi'a'aatii isa qofa tajaajila'a; innille harka Filisxeemotaa jalaa isin hin baasa» jedhe.
1SA 7:4 Maarre Israa'elooti waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti balleessanee Mootii Waan Maraa qofa tajaajilane.
1SA 7:5 Achiin duuba Saamu'el, «Israa'eloota mara Miispha'atti wolitti qaba'a; ani achitti marroo teessaniif gara Mootii Waan Maraa hin daadimadha» jedhe.
1SA 7:6 Maarre isaan Miispha'atti wolitti qabamanee, bisaan woraabanee Mootii Waan Maraa duratti dhangalaasane; guyyuma san laamanee, «Nuuti Mootii Waan Maraa yakkineerra» jedhanee cubbuu ifii faaci'atane. Saamu'elille Miispha'atti Israa'elootatti mure.
1SA 7:7 Worri Filisxeemotaa akka Israa'elooti Miispha'atti wolitti qabamane yennaa dhage'ane, mootoleen Filisxeemotaa isaan loliisaaf dhaqane; Israa'elootille tana dhage'anee worra Filisxeemotaa sodaatanee,
1SA 7:8 Saamu'eliin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka worra Filisxeemotaa jalaa akka nu baasuuf, marroo teennaaf gara isaa daadimatiisa hin lakkisin» jedhane.
1SA 7:9 Maarre Saamu'el buruusoo korbeessa hoole'ee ka hin gu'in fuudhee kennansa duuduma gubamu godhee Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. Saamu'el marroo Israa'elootaatiif gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne.
1SA 7:10 Saamu'el kennansa gubamu dhikeessiisatti adoo jiruu, worri Filisxeemotaa Israa'eloota loliisaaf dhufanee itti dhikaatane; te'uu malee guyyaa san Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa worra Filisxeemotaa irratti mandi'ee isaan joonjessee, isaanille raafamanee Israa'eloota duraa baqatane.
1SA 7:11 Israa'elootille Miispha'aa bayanee worra Filisxeemotaa ijjeesaa haga addee Bet-kaar jalaatitti isaan ari'ane.
1SA 7:12 Achiin duuba Saamu'el dhakaa tokko fuudhee Miispha'aa fi Sheen wodhakka'atti dhaabee, «Mootiin Waan Maraa haga ammaa nu qarqaareera» jedhee, maqaa isaa, «Ebeen-Ezer» jedhee moggaase. «Ebeen-Ezer» jechuun, «Dhakaa qarqaarsaa» jechu'u.
1SA 7:13 Maarre worri Filisxeemotaa waan injifatamaneef, bara Saamu'el jiru mara worri Filisxeemotaa deebi'anee lafa Israa'elii akka hin lolle, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa dhoogge.
1SA 7:14 Qachooti worri Filisxeemotaa Israa'eloota irraa fudhatane, Eqroonii haga Gaatiititti gara Israa'elii deebi'ane; Israa'el lafa ifii mara harka worra Filisxeemotaa jalaa baafatte; Israa'elootaa fi Amoorota wodhakkaalle'etti nageenni bu'e.
1SA 7:15 Saamu'el bara jiruu ifii mara Israa'elitti mure.
1SA 7:16 Inni wogguma wogga'atti Bet'el, Giilgalii fi Miisphaa keessa deddeemee, namoota addee tanaa maraaf muraa kenne.
1SA 7:17 Achiin duuba inni gara mana ifii ka Raamaa keessa jiruu deebi'ee, achille'etti Israa'elootaaf muraa kenne. Addee ciinca'aalle Mootii Waan Maraatiif achitti ijaare.
1SA 8:1 Saamu'el yennaa dulloome ilmaan ifii Israa'el irratti abbootii mura'aa godhe.
1SA 8:2 Maqaan ilma isaa angafichaa, Yo'el; ka maandhichaa, Abiiya'a. Isaan abbootii mura'aa ta qachaa Bersheeba'aa ti.
1SA 8:3 Garuu isaan fakkeenna abbaa ifii gula hin deenne; bu'aa woy hin baane dhaggatiisaaf karaa isaa irraa gorane; beesee safu'uu fudhatanee, haqa dassane.
1SA 8:4 Achiin duuba jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamanee, Raamat keessatti gara Saamu'elii dhaqanee,
1SA 8:5 Saamu'eliin, «Kunoo, ati dulloonteerta; ilmaan teetille fakkeenna keeti gula hin ideenne; tanaaf akkuma gosa biyya adda addaa mootii nu bulchu nuu kenni» jedhane.
1SA 8:6 Garuu jechi isaan, «Mootii nu bulchu nuu kenni» jedhane sun Saamu'el hin gammachiinne; tanaaf inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee,
1SA 8:7 Mootiin Waan Maraalle Saamu'eliin, «Isaan akka ani mootii isaanii hin teeneef na tuffatane malee si waan hin te'iniif, waan isaan si'iin jedhanu mara dhage'i!
1SA 8:8 Isaan guyyaa ani biyya Gibxi'iitii isaan baaseen jalqabanee haga adhaa na lakkisanee waaqota dhibii tajaajiliisaan waan na irratti godhane si irralle'etti godhiisatti jiran.
1SA 8:9 Maarre amma, ati waan isaan si'iin jedhanu dhage'i; mootiin isaan irratti mootomu maan isaan akka godhu itti himiitii, midhassii isaan ifi eeggachiisi» jedhe.
1SA 8:10 Maarre Saamu'el dubbii Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara kolbaa akka inni mootii isaaniif filu isa gaafattetti hime.
1SA 8:11 Inni isaaniin, «Mootiin isin irratti mootomu, ilmaan teessan fuudhee, isaan keessaa garii loltoota garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu, garii abbootii fardaa ta ifii hin godhata; gariin garreettaa isaa ka fardaan harkifamuun dura hin fiigan.
1SA 8:12 Isaan keessaa garii ajajjoota loltoota kumaatii fi ajajjoota loltoota shantamaa, garii fichaa isaa akka qotanuu fi midhaan isaa akka haamanu, garii meya lolaatii fi meya garreettaa fardaan harkifamuu akka isaaf hujanu hin godhata.
1SA 8:13 Ijoollee teessan ta durraa fudhatee, worra fiqiree huju, worra ittoo hujuu fi worra daabboo bilcheessu hin godhata.
1SA 8:14 Inni fichaa keessan dansaa, fichaa muka woyni'iitii fi muka ejersaa keessan fudhatee tajaajiltoota ifiitiif hin kenna.
1SA 8:15 Midhaanii fi woynii teessan irraa harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltotaa fi tajaajiltoota ifiitiif hin kenna.
1SA 8:16 Inni tajaajiltoota teessan ta dhiiraatii fi ta durraa, loonii fi harreelee teessan dadansaa fudhatee hujii ifii hin hujisiifata.
1SA 8:17 Inni hoole'ee fi re'ee teessan kudhan keessaa tokko hin fudhata; isinuuyyuu garboolee isaa hin teetan.
1SA 8:18 Guyyaa san isin sababa mootii ifiif filattaneetiif akka malee hin gunguntan; Mootiin Waan Maraa ammoo guyyaa san gungunsuu teessan san hin caqasu» jedhe.
1SA 8:19 Kolbaan ammoo dubbii Saamu'elii caqasuu diddee, «Waawwo'o! Nuuti akka mootiin nu'uuf filamu barbaanna;
1SA 8:20 nuutille akkuma gosi biyya adda addaa teete hin teena; mootiin keenna muraa nuu kennuu ti; nu'uun dura deemaa diina keenna nu'uuf loluu ti» jedhane.
1SA 8:21 Saamu'el waan kolbaan jette mara yennaa dhage'e, waanuma isaan jedhane Mootii Waan Maraatitti hime.
1SA 8:22 Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Waan isaan jedhane isaaniif godhi! Mootii isaaniif fili!» jedhe. Achiin duuba Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin martinuu gara qachaa keessaniititti deebi'a'a!» jedhe.
1SA 9:1 Gosa Beniyaaminii keessaa nami beekkamaan ka maqaan isaa, «Qiish» jedhamu tokko jiraayyu; inni ilma Abii'elii, akaakoo Xiroorii, abuuboo Bikoraatii, abutturoo Afiiya'aa ti.
1SA 9:2 Qiish ilma miidhagaa, ka maqaan isaa «Saa'ol» jedhamu tokko qabaayyu; Israa'el keessa nami isa caalaa miidhagu hin jiru. Inni gurmuu ifiitii ol kolbaa mara caalaa dheerata.
1SA 9:3 Abbaa Saa'olii Qiish duraa harreeleen baddeertuun, inni ilma ifii Saa'oliin, «Tajaajiltoota keessaa tokko fudhadhuutii, dhaqii harreelee badde san barbaadi» jedhe.
1SA 9:4 Saa'olii fi tajaajilaan sun ka'anee lafa koobittii Efreemiitii fi lafa Shaaliishaa keessa deddeebi'anee barbaadane; garuu hin dhaggine; karaa lafa Sha'aliimii keessa dabaranee barbaadane; garuu hin dhaggine. Achiin duuba karaa lafa Beniyaaminii keessa dabaranee barbaadane; garuu achille'etti hin dhaggine.
1SA 9:5 Isaan lafa Zuufii yennaa geyane, Saa'ol tajaajilaa isa woliin jiruun, «Abbaan kiyya marroo harreele'ee yaaduu lakkisee, marroo teennaaf waan yaaddowuuf, koy deebinaa!» jedhe.
1SA 9:6 Tajaajilaan sun deebisee, «Kunoo, nami Waaqaa tokko qachaa kana keessa jira; wonni inni dubbate marti waan teetuuf, inni nama ulfinna qabu; inni karaa nuuti harreelee tana barbaannu nu'uuf hin hima fa te'a, koy gara isaa dhandhaa!» jedheen.
1SA 9:7 Achiin duuba Saa'ol tajaajilaa ifiitiin, «Gara isaa yoo dhandhe, namichaaf maan kennina ree? Qalqalluu keessa sagaleen hin jirtu; waan nama Waaqaatiif kenninu tokkolle hin qannu; waan dhibii maan qanna ree?» jedhe.
1SA 9:8 Tajaajilaan sun deebisee Saa'oliin, «Kunoo, ani meetii gara giraama sadii qaba; akka inni karaa nuuti harreelee tana barbaannu nu'uuf himu, ani meetii tana nama Waaqaatiif hin kenna» jedhe.
1SA 9:9 Bara durii Israa'el keessatti nami tokko woy Waaqa gaafatiisaaf yoo dhaqu, «Kowa'a gara nama mudhii dhagguu dhandha» jedhaayyu; ka adha, «Raagicha» jedhamu, dur «Abbaa mudhi'ii» jedhamaayyu.
1SA 9:10 Saa'olille tajaajilaa ifiitiin, «Dansaa jette; koy, hin dhandhaa» jedhe; maarre isaan gara qachaa nami Waaqaa keessa jiru sanii dhaqane.
1SA 9:11 Isaan gara qacha'aa koobatti adoo ol bayiisatti jiranuu, ijoollee durraa ta bisaan woraabbatiisa dhaxxu takka dhagganee, «Nami mudhii dhaggu as jiraa?» jedhanee isaan gaafatane.
1SA 9:12 Isaan deebisanee, «Ee, hin jira; kunoo, inni isinumaan dura jira, ariifadha'aa dhaqqaba'a. Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa waan dhikeessituuf, inni amma as gara qachaa kanaa dhufe.
1SA 9:13 Isin yennuma qachaa seentane, inni nyaatiisaaf gara addee Waaqonfanna'aa ol adoo hin bayin isa hin dhaggitan. Ciincaa dhikaate inni waan eebbisuuf, adoo inni hin dhufin kolbaan hin nyaattu; achiin duuba worri affeerame hin nyaata. Yennuma tana waan isa dhaggitanuuf, ol baya'a» jedhanee deebisane.
1SA 9:14 Maarre Saa'olii fi tajaajilaan isaa gara qacha'aa ol bayane. Isaan gara qacha'aa adoo seeniisatti jiranuu, Saamu'el gara addee waaqonfanna'aa ol bayiisaaf karaa isaan jiranu dhufe.
1SA 9:15 Saa'ol adoo hin dhufin guyyaa tokkoon dura Mootiin Waan Maraa, waan kana Saamu'elitti mudhisee,
1SA 9:16 «Boru yennaa tana biyya Beniyaaminiitii nama tokko gara keeti hin erga; kolbaa tiyya Israa'el irratti akka inni bulchaa te'u isa muudi; inni kolbaa tiyya harka worra Filisxeemotaa jalaa hin baasa; iyyi isaanii gara kiyya waan dhaqqaddeef, kunoo, ani kolbaa tiyya ilaaleera» jedhe.
1SA 9:17 Saamu'el yennaa Saa'ol dhagge, Mootiin Waan Maraa isaan, «Nami ani waan isaa sitti hime sun kunoo isa kana; inni kolbaa tiyya hin bulcha» jedhe.
1SA 9:18 Achiin duuba Saa'ol karaa seensuma karraatiin gara Saamu'elii dhikaatee, «Manni nama mudhii dhagguu eessa? Maganne'e natti himi» jedhee gaafate.
1SA 9:19 Saamu'el deebisee, Saa'oliin, «Nami mudhii dhagguu ana; isin adha na woliin waan nyaattanuuf, gara addee waaqonfanna'aa naan dura ol baya'a; waan gadhaa keeti keessa jiru mara sitti himee, ganama si geegessa.
1SA 9:20 Harreeleen teeti ta guyyaa sadiin dura badde waan mudhatteertuuf hin yaadin; halchaan kolbaa Israa'elii marti eennuuf ree? Si'ii fi maatii abbaa keetii maraafii motii ree?» jedheen.
1SA 9:21 Saa'ol deebisee, «Ani gosa Israa'elii keessaa gosa diqqoo sanyii Beniyaaminiitii motii ree? Sanyiin tiyya sanyii Beniyaaminii mara keessaa diqqo'oo motii ree? Ati maaf waan akkasii natti dubbatta ree?» jedhe.
1SA 9:22 Achiin duuba Saamu'el, Saa'olii fi dargaggeessa tajaajilaa isaa san gara kolloo jilaa geessee, keessumoota soddoma waamamane caalaa addee ulfinnaa isaan teessise.
1SA 9:23 Saamu'el tajaajilaa ittoo qopheessu waamee, «Foon ani si'iin, ‹Adda baasii keyi› jedhee sitti kenne san fidi» jedheen.
1SA 9:24 Maarre tajaajilaan ittoo qopheessu sun foon lukaa akkuma jiruun fidee Saa'ol dura keye; Saamu'el, «Kunoo, ani haga keessumoota waameen jalqabee qooda si'iif maffameeru waan te'eef nyaadhu» jedheen. Maarre Saa'ol guyyaa san Saamu'el woliin nyaate.
1SA 9:25 Addee waaqonfanna'aatii gara qacha'aa gad yennaa bu'ane, Saamu'el heellichoo manaa irratti Saa'ol woliin dubbate.
1SA 9:26 Achiin duuba Saamu'el ganama ka'ee, heellichoo manaa gubba'aa Saa'ol waamee, «Waan si geegessuuf ka'i!» jedheen. Saa'olille ka'ee Saamu'el woliin kara'atti gad bayane.
1SA 9:27 Isaan gara qacha'aa gad bu'iisatti adoo jiranuu, Saamu'el Saa'oliin, «Tajaajilaan kun nu'uun dura dabaree akka deemu itti himi; yennaa inni dabaree deeme, ani waan Waaqi jedhe waan sitti himuuf, ati diqqoo asuma turi» jedhe.
1SA 10:1 Achiin duuba Saamu'el buttullee zayitii ejersaa fuudhee, zayitii mataa Saa'olii irratti dhangalaasee, isa sunqatee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa isaa Israa'el akka bulchitu si muudee motii ree?
1SA 10:2 Ati adha yennaa na biraa kaatee deentu, lafa Beniyaaminii Zelzaa keessatti addee awwaala Raahelii biratti namoota lama hin dhaggita; isaan, ‹Harreeleen ati barbaaddu mudhatteerti; abbaan keetille marroo harreele'eetiif yaaduu lakkisee, marroo teetiif: Marroo ilma kiyyaa maan godhu laati? jedhee si'iif yaaddowiisatti jira› jedhanee sitti hin himan.
1SA 10:3 Achiin duuba ati isaan biraa kaatee haga qilxaa Taaborii bira yennaa geettu, achitti namooti sad, isaan keessaa tokkochi ilmoolee re'e'ee sad ba'atee, tokkochi dhibiin daabboo xaltaa sad ba'atee, kuunille qalqalluu daadhii woyni'ii ba'atee gara Waaqa Bet'el jiruu dhaqanuun wol hin dhaggitan.
1SA 10:4 Isaan nageya si fuudhanee, daabboo xaltaa lama si'iif hin kennan; atille harka isaanii irraa fudhatuu qadda.
1SA 10:5 Achiin duuba addee loltooti Filisxeemotaa jiranu gara kooba Waaqaa Giibe'aa hin dhaxxa; gara qacha'aa akkuma seenteen, gumiin raagotaa maseenqoo dhowaa, dibbee dhowaa, suusullee afuufaa, kiraara guddicha dhowaa, raaga dubbataa addee waaqonfanna'aa irraa gad bu'anuun hin dhaggita.
1SA 10:6 Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa si irratti hin bu'a; atille isaan woliin raaga hin dubbata; jijjiirantee nama dhibii hin teeta.
1SA 10:7 Beessisi kun yennaa muummowe, Waaqi si woliin waan jiruuf waan dandeette mara huji.
1SA 10:8 Ati naan dura gara Giilgalii gad bu'i! Kunoo, ani kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessiisaaf gara keeti hin dhufa. Ati ammoo haga ani si bira dhufee, waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba hin turta» jedhe.
1SA 10:9 Saa'ol yennaa Saamu'el biraa deemiisaaf ka'e, Waaqi qalbii Saa'olii jijjiire; beessisi marti guyyuma san muummowe.
1SA 10:10 Saa'ol tajaajilaa ifii woliin Giibe'aa yennaa geye, kunoo, gumiin raagotaa isa dhaggitee, Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'e; innille isaan woliin raaga dubbate.
1SA 10:11 Worri qara isa beeku marti yennaa inni raagota woliin raaga dubbatuun isa dhaggane, «Ilma Qiishiititti maanti dhufe? Saa'olille raaga'aa?» jedhanee wol gagaafatane.
1SA 10:12 Nami achi le'u tokko, deebisee, «Abbaan isaanii eennu?» jedhe; maarre, «Saa'olille raaga'aa?» jechuun mammaassa teete.
1SA 10:13 Saa'ol raaga dubbatee fixateen duuba gara addee waaqonfanna'aa dhaqe.
1SA 10:14 Obboleessi abbaa Saa'olii, «Eessa dhaxxane?» jedhee isaa fi tajaajilaa isaa gaafate; Saa'olille, «Harreelee barbaadiisa deenne; harreeleen dhabannaan gara Saamu'elii dhandhe» jedheen.
1SA 10:15 Obboleessi abbaa Saa'oliille, «Maganne'e waan Saamu'el si'iin jedhe natti himi» jedheen.
1SA 10:16 Saa'olille obboleessa abbaa ifiitiin, «Harreeleen akka mudhatteertu nutti himeera» jedheen; te'uu malee marroo mootii te'iisa ifii ta Saamu'el isatti dubbate, isatti hin hinne.
1SA 10:17 Saamu'el kolbaa Israa'elii gara Miispha'aa Mootii Waan Maraa duratti wolitti waamee,
1SA 10:18 kolbaa Israa'eliitiin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani isin Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasee, harka Gibxootaatii fi harka mootummoota isin cunqursanu mara jalaa isin baase› jedha.
1SA 10:19 Isin ammoo adha Waaqa keessan ka rakkinnaa fi farra jalaa isin baase tuffattanee, ‹Mootii nu'uuf moosisi› jettane. Maarre amma gosuma gosa gosa keessaniitii fi fira fira keessaniitiin Mootii Waan Maraa dura dhikaadha'a» jedheen.
1SA 10:20 Achiin duuba Saamu'el gosa Israa'elii mara dhikeessee, gosi Beniyaaminii hixa'aan filamane.
1SA 10:21 Inni gosa Beniyaaminii maatii maatii isaaniitiin dhikeesse, maatiin Maxirii hixa'aan filamane; dhuma irratti ilmi Qiishii Saa'ol hixa'aan filame; garuu isaan yennaa isa barbaadane inni hin dhagganne.
1SA 10:22 Maarre isaan, «Saa'ol dhufeeraa?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane; Mootiin Waan Maraa deebisee, «Kunoo, Saa'ol meya odduu dhokateera» jedhe.
1SA 10:23 Maarre isaan fiiganee dhaqanee, addee inni dhokateeruu isa fidane; inni dhufee kolbaa odduu yennaa dhaabbate gurmuu ifiitii ol kolbaa mara caalaa dheerata.
1SA 10:24 Saamu'el kolbaa maraan, «Nama Mootiin Waan maraa filate kana dhaggitanee? Kolbaa mara keessaa ka akka isaa tokkolle hin jiru» jedhe. Achiin duuba kolbaan marti qoonqoo ifii ol qabattee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti» jette.
1SA 10:25 Achiin duuba Saamu'el mirgaa fi hujii mootichaa kolba'atti beessiseen duuba, kitaaba irratti barreessee Mootii Waan Maraa dura keye; achiin duuba Saamu'el nami marti gara mana ifii akka galu geegesse.
1SA 10:26 Saa'olille gara mana ifii ka Giibe'aa jiruu deemee, loltooti jajjabi ta Waaqi qalbii isaanii tuqelle isa woliin deemane.
1SA 10:27 Worri gariin ka woy hin baane ammoo, «Nami kun attam nu baasuu dande'a» jedhane. Isaan isa tuffatanee, kennansa isaaf hin finne. Saa'ol ammoo cadhiseetuma isaan lakkise.
1SA 11:1 Achiin duuba mootiin Amoonotaa Nahaashi qachaa Yaabesh-Giil'aadiititti duulee marse; namooti Yaabeshii marti Nahaashiin, «Nuuti si hin tajaajilla, ati nu woliin wolii galtee godhadhu» jedhane.
1SA 11:2 Nahaashi ammoo deebisee, «Ani tokko tokkoo keessan ila teessan ta gara middaa hoqonqolee isin keessaa baasiisaan isiniin wolii gala; akka kanaan Israa'eloota mara irratti salphinna fida» jedhe
1SA 11:3 Jaarsoleen Yaabeshii isaan, «Gara lafa Israa'elii maratti nama akka ergannuuf guyyaa torba nu'uuf kenni; achiin duuba nami nu baasu yoo hin jirre te'e harka sitti hin kennanna» jedhane.
1SA 11:4 Worri ergame gara qachaa Giibe'aa addee Saa'ol jiru dhufee, oduu tana kolba'atti yennaa hime, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee bootte.
1SA 11:5 Yennaa tana, Saa'ol qotiyyoota ifii oofataa ficha'aa dhufiisatti jiraayyu; inni, «Kolbaan tun maan teetee bootti» jedhee gaafate. Isaanille waan worri Yaabeshii jedhe isatti himane.
1SA 11:6 Saa'ol dubbii tana yennaa dhage'e Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'ee, inni guddoo aaree bobe'e.
1SA 11:7 Qotiyyoota ximmaadii tokko fuudhee qalee kukkutee foon san lafa Israa'elii maratti ergantootaan ergee, «Worra Saa'olii fi Saamu'el gula hin baane, qotiyyooti isaanii akkana hin kukkutanti» jedhe. Kolbaan marti Mootii Waan Maraa sodaattee nami tokkolle adoo hin hafin tokkumma'aan baate.
1SA 11:8 Saa'ol addee, «Bazeqi» jedhantutti yennaa isaan wolitti qabe, laakkossi isaanii, Israa'elooti nama kuma dhibba sad, Yihudooti nama kuma soddoma te'ane.
1SA 11:9 Isaan namoota ergamanee dhufane saniin, «Dhaqa'aatii, worra Yaabesh-Giil'aadiitiin, ‹Boru yennaa aduun o'itu bilisa hin baatan› jedha'aan» jedhane. Worri ergame sunille dhaqanee, worra Yaabeshiititti tana yennaa himane isaan gammadane.
1SA 11:10 Tanaaf, worri Yaabeshii, worra Amoonotaatiin, «Nuuti boru harka keenna isinitti hin kennanna; isinille waanuma feetane nu godha'a» jedhane.
1SA 11:11 Boruyyaa Saa'ol namoota addee saditti qoode; yennaa latti bariite addee quttuma Amoonotaa cassanee seenanee, haga aduun o'itu isaan ijjeesane; worri lubbu'uun hafanelle karaa karaa waan bittinnowaneef, isaan keessaa nami lamalle wol biratti hafuu hin dandeenne.
1SA 11:12 Achiin duuba kolbaan Saamu'eliin, «Worri, ‹Saa'ol nu bulchaa?› jedhe eennu fa'a? Namoota san akka ijjeennuuf gara keenna fidi» jedhane.
1SA 11:13 Saa'ol ammoo, «Guyyaan adhaa guyyaa Mootiin Waan Maraa Israa'eloota bilisa baase waan te'eef, adha nami tokkolle hin ijjeefamu» jedhe.
1SA 11:14 Achiin duuba Saamu'el kolba'aan, «Kowa'a, nu martinuu Giilgal dhandhee Saa'ol mootii keenna akka te'e itti deebinee mirkaneessina» jedhe.
1SA 11:15 Maarre kolbaan marti Giilgal dhaqanee Saa'ol mootii akka te'e Mootii Waan Maraa duratti mirkaneessane; isaan achitti kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraa duratti dhikeessane; Saa'olii fi Israa'elooti marti gammadaan firinxiixane.
1SA 12:1 Saamu'el Israa'eloota maraan, «Kunoo, ani waan isin jettane mara isiniif dhage'ee mootii isiniif mootonseera;
1SA 12:2 kunoo, nama mootii te'ee isin sooressu dhaggattaneertan; ani dulloomee arrii baaseera; kunoo, ijoolleen tiyyalle isin woliin jirti. Ani bara dargaggummaa tiyyaatiin jalqabee haga adhaa isin sooresseera.
1SA 12:3 Kunoo, isin dura dhaabbadheera; Mootii Waan Maraatii fi mootii inni muude duratti dhugaa na irratti baya'a. Ani qotiyyoo eennuu fudhadheera? Harree eennuu fudhadheera? Eennu sobeera? Eennu cunqurseera? Dhaggee akka hin dhagginee isi'iin te'iisaaf, eennu irraa beesee safu'uu fudhadheera? Na irratti dhugaa baya'aatii, anille adde'etti isiniif hin deebisa» jedhe.
1SA 12:4 Isaanille, «Ati nu hin sonne yookiin nu hin cunqursine yookiin nama tokko irralle'ee waan tokkolle hin fudhanne» jedhanee deebisane.
1SA 12:5 Saamu'el isaaniin, «Harka kiyya keessatti waan tokkolle akka isin hin dhaggin, Mootiin Waan Maraatii fi mootiin inni muude adha isin irratti dhugaa hin bayan» jedhe. Isaanille, «Ee, Mootiin Waan Maraa dhugaa-baya'a» jedhane.
1SA 12:6 Achiin duuba Saamu'el kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa ka Muuse'ee fi Aaron muudee, abbootii teessan ta duriille biyya Gibxi'ii keessaa baase.
1SA 12:7 Tanaaf ani hujii balchumma'aa ta Mootiin Waan Maraa isinii fi abbootii teessaniifille huje maraaf, Mootii Waan Maraa duratti waan isin ifi eeggachiisuuf, isin as dhaabbadha'a!
1SA 12:8 Yaaqoob maatii ifii woliin biyya Gibxi'iititti yennaa gale, worri Gibxi'ii isaan cunqursee, isaan Mootiin Waan Maraa akka isaan qarqaaruuf gara isaa iyyane; Mootiin Waan Maraalle Muuse'ee fi Aaron worra abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'iitii baasanee addee tana akka qubatanu godhane isaaniif erge.
1SA 12:9 Isaan ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa ifii dedhane; tanaaf, inni harka ajajaa loltoota Hazoorii Siisera'aatitti, harka Filisxeemotaatii fi harka mootii Mo'aabiititti dabarsee isaan kenne; isaanille abbootii teessan ta durii injifatane.
1SA 12:10 Abbootiin teessan ta duriille, ‹Nuuti cubbuu hunyeera; Mootii Waan Maraa lakkinnee, waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti tajaajilleerra; akka nuuti si tajaajilluuf, amma ammoo harka diinota keennaa jalaa nu baasi› jedhanee gara Mootii Waan Maraa iyyane.
1SA 12:11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Yiruub-Ba'aal, Bedaan, Yifta'aa fi ana Saamu'el isiniif ergee, harka diinota adaala keessan jiranuu jalaa isin baase; isinille nageyaan leetane.
1SA 12:12 Mootiin Amoonii Nahaashi isin loliisaaf akka dhufiisatti jiru yennaa dhaggitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mootii keessan adoo te'eeruu, isin anaan, ‹Waawwo'o, mootii nu bulchu barbaanna› jettane.
1SA 12:13 «Mootii isin filattane, ka isin gaafattane kunoo ti! Mootiin Waan Maraa isiniif mootonseera.
1SA 12:14 Isin Mootii Waan Maraa sodaattanee, isa tajaajiltanee, isaaf ajajantanee, ajaja isaa irratti yoo ka'uu dhaddane, isinii fi mootiin keessan ka isin bulchu, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan yoo hordottane, wonni dansaan isiniif hin teeti.
1SA 12:15 Ammoo Mootii Waan Maraatiif ajajamiisa dhaddanee, ajajaa isaa irralle'etti yoo kaatane, inni akkuma abbootii teessan ta durii adabe isinille hin adaba.
1SA 12:16 Tanaaf, jabaadha'aa dhaabbadha'aatii, waan guddoo Mootiin Waan Maraa ila teessan duratti godhu ilaala'a.
1SA 12:17 Amma yennaan ta qamadii haammattanuu motii? Mootiin Waan maraa mandiisu'uu fi bokkeya akka fidu ani gara isaa hin daadimadha; isin mootiin akka isiniif mootomu gaafatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu akka hujane, yennaa san hin hubattan» jedhe.
1SA 12:18 Maarre Saamu'el gara Mootii Waan Maraa daadimate; guyyuma san Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya fide; kolbaan marti Mootii Waan maraatii fi Saamu'el guddoo sodaatane.
1SA 12:19 Kolbaan marti Saamu'eliin, «Cubbuu teenna mara irratti, mootiin akka nu'uuf mootomu gaafatiisaan cubbuu teenna mara irratti hammeenna kana waan hunyeef, akka hin duuneef nu tajaajiltoota teetiif gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii daadimadhu!» jedhane.
1SA 12:20 Saamu'elille deebisee kolba'aan, «Hin sodaatina'a! Isin hujii hantuu tana mara hujjaneertan. Te'ulle Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaan waaqonfadha'a malee, isa irraa gara dhibii hin deebi'ina'a.
1SA 12:21 Isaan waan woy hin baane waan te'aneef, waan duwwaa bu'aa hin qanne yookiin ka isin baasuu hin dandeenne hin waaqonfatina'a.
1SA 12:22 Mootiin Waan Maraa isin kolbaa ifii tolfatiisaaf waan jaalateef, marroo maqaa guddaa ifiitiif jedhee isin hin lakkisu.
1SA 12:23 Ani karaa dansa'aa fi waan qajeelaa isin barsiisa malee, marroo teessaniif daadimatiisa lakkisiisaan Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiis kiyya na irraa fagaatuu ti.
1SA 12:24 Isin Mootii Waan Maraa qofa sodaadha'aatii gadhaa tokkochaa fi addatamumma'aan isa tajaajila'a. Waan guddoo inni isiniif godhelle hin dedhina'a!
1SA 12:25 Hujii hantuu hujiisa yoo hin lakkisin ammoo, isinii fi mootiin keessanille ijjumaa hin baddan» jedhe.
1SA 13:1 Saa'ol yennaa mootii te'e nama woggaa soddomaa ti; inni woggaa afurtamii lama Israa'eloota bulche.
1SA 13:2 Saa'ol Israa'eloota keessaa nama kuma sad file. Namooti kum lama qachaa, «Miikmaashi» jedhamu ka biyya koobittii Bet'el keessa Saa'ol woliin akka jiraatanu, kum tokko ammoo biyya Beniyaaminii qachaa Giibe'aa keessa Yonaataan woliin akka jiraatanu, worra hafe ammoo gara mana ifiititti akka deebi'anu geegesse.
1SA 13:3 Yonaataan garee loltoota Filisxeemotaa ta qachaa Gebaa keessa jiranu lole. Worri Filisxeemotaalle tana dhage'ane. Saa'olille, «Ibrooti dhageettuutii» jedhee lafa mara keessatti tultullaa afuussise.
1SA 13:4 Israa'elooti marti, «Saa'ol garee loltoota Filisxeemotaa lole; worri Filisxeemotaa Israa'eloota jibbe» oduu jettu dhage'ane; maarre kolbaan marti Saa'ol woliin duuliisaaf Giilgalitti wolitti qabante.
1SA 13:5 Worri Filisxeemotaa garreettaa fardaan harkifamu kuma soddoma, abbootii fardaa kuma jaa fi loltoota bindillaa ta laakkossi isaanii akka maansa abbaayaa qarqaraa woliin, Israa'eloota loliisaaf wolitti qabamane. Isaan dhaqanee qachaa «Miikmaashi» jedhamu ka Bet-Aween irraa gara aduun baatu jiruu qubatane.
1SA 13:6 Israa'elooti haalli keessa jiranu sodaachisaa akka te'ee fi loltooti isaaniille muddama guddaa keessa akka jiranu yennaa dhaggane, godaa fi ciggaa qore'ee keessa, odduu rassa'aa keessa, bowwa'aa fi boolla keessa seenanee dhokatane.
1SA 13:7 Worra Ibrootaa keessaa gariin laga Yordaanosii gamatti bu'anee gara lafa Gaadiitii fi lafa Giil'aadii deemane. Saa'ol ammoo Giilgalitti hafe; namooti isa woliin jiranu marti guddoo sodaatanee hollatane.
1SA 13:8 Innille akkuma Saamu'el isatti hime guyyaa torba isa eege; Saamu'el ammoo gara Giilgalii hin dhunne; loltooti Saa'oliille gara gara bittinnowiisa jalqabane.
1SA 13:9 Maarre Saa'ol, «Kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa as gara kiyya fida'a!» jedhee, kennansa gubamu dhikeesse.
1SA 13:10 Akkuma inni kennansa gubamu dhikeessee fixeen, yoosuma Saamu'el dhufe. Saa'olille isa qophatiisaaf gad baye.
1SA 13:11 Saamu'el ammoo, «Wonni ati hujje maan?» jedhee isa gaafate. Saa'olille deebisee, «Kolbaan akka na biraa bittinnowiisatti jirtu, atille guyyaa hin dhufa jettetti akka dhufaa hin jirre, worri Filisxeemotaalle Miikmaashitti akka wolitti qabamane yennaa dhagge,
1SA 13:12 ani, ‹Worri Filisxeemotaa na loliisaaf gara Giilgalii gad hin dhufan, anille haga ammaa qarqaarsaaf, Mootii Waan Maraa hin gaafanne!› jedhee herrege. Tanaaf, kennansa gubamu dhikeesse» jedhe.
1SA 13:13 Saamu'elille Saa'oliin, «Ati waan gowwumma'aa hujje. Ajaja Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje hin eeganne. Silaa Mootiin Waan Maraa mootummaa teeti Israa'eloota irratti haga bara baraa si'iif hin jabeessaayyu.
1SA 13:14 Amma ammoo mootummaan teeti hin jabaattu. Mootiin Waan Maraa nama akka gadhaa isaa isaaf te'u dhaggateera. Ati ajaja Mootii Waan Maraa waan hin eegatiniif, Mootiin Waan Maraa bulchaa kolbaa isaa akka te'u isa filateera» jedhe.
1SA 13:15 Achiin duuba Saamu'el Giilgalii ka'ee gara Giibe'aa lafa Beniyaamin keessaa dhaqe. Saa'olille worra isa woliin hafe laakkowe; isaanille gara nama dhibba jaa ti.
1SA 13:16 Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataan worra isaan woliin hafane woliin lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa turane; worri Filisxeemotaa ammoo qachaa Miikmaashii keessa qubatane.
1SA 13:17 Gareen loltoota worra Filisxeemotaa kutaa saditti qoodamanee bayane. Gareen tokko karaa Ofraatiin gara lafa Shuwaalii deebi'ane;
1SA 13:18 gareen lammeesso'oo karaa Bet-Horoonii, gareen sadeesso'oo karaa meessaa dhooqa Zebo'iimii karaa fuullee goomole'ee gorane.
1SA 13:19 Worri Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa shallaagaa yookiin eboo hin tumatin» waan jedhaneeranuuf, lafa Israa'elii mara keessa worri sibiila tumu hin jiruuyyu.
1SA 13:20 Maarre Israa'elooti marti maarasha'aa fi qottoo, agara'aa fi haantuu qorqorsiifatiisaaf gara worra Filisxeemotaa dhaqan.
1SA 13:21 Maarasha'aa fi qottoo qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama saddeetii, agaraa, horooro'oo fi sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuu qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama afurii kaffalan.
1SA 13:22 Maarre guyyaa lolaa, Saa'olii fi ilma isaa Yonaataan malee loltoota isaan woliin jiranu keessaa shallaagaa yookiin eboo nami qabu tokkolle hin jiru.
1SA 13:23 Yennaa san loltooti Filisxeemotaa takka karaa gara Miikmaashii qaxxaamursu dooyiisaaf deemane.
1SA 14:1 Guyyaa tokko ilmi Saa'olii Yonaataan dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Koy karaa dhibi'iin gara quttuma Filisxeemotaa deenna» jedhe; garuu inni abbaa ifiititti tana hin hinne.
1SA 14:2 Saa'ol qarqara Giibe'aa addee, «Miigron» jedhantu muka rumaanii tokko jala tee'eeraayyu; loltooti gara dhibba jaa isa woliin jiran.
1SA 14:3 Abbutturoon Elii, akaakoon Fiinehaasii, ilmi Ahiixubii obboleessa Ikaaboodii Ahiiyaan, ka Shiilo'otti hayyicha Mootii Waan Maraa te'eeru, ka woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffateeru isaan woliin jiraayyu; Yonaataan akka deemeeru nami tokkolle hin beenne.
1SA 14:4 Karaa Yonaataan gara quttuma Filisxeemotaa gamatti bu'ee bayuun, gara bita'aa fi middaatiin rassooti lama, tokko, ka «Bozez» jedhamu, kuun, ka, «Seenee» jedhamu jiraniiyyu.
1SA 14:5 Rassaan tokko karaa kaabaatiin Miikmaashi fuula dura, kuun ammoo karaa kibbaatiin Gebaa fuula dura jira.
1SA 14:6 Yonaataan dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Mootiin Waan Maraa nu'uuf hin lola fa te'a, koy gara garee loltoota Filisxeemotaa ta worra haqanqabaa hin qabatinii san gara gamaa buuna. Mootiin Waan Maraa namoota baca'aan yookiin diqqa'aan nu qarqaariisa hin dande'a» jedhe.
1SA 14:7 Dargaggeessi meya isaa ka woraanaa ba'atu sun isaan, «Waan gadhaa keeti keessatti yaadde maraa godhi. Duubatti hin deebi'in. Kunoo, anille akkuma keeti gadhaa tokkochaan si woliin jira» jedhe.
1SA 14:8 Achiin duuba Yonaataan isaan, «Kunoo, koy gara isaanii gamatti buunee, itti mudhanna.
1SA 14:9 Isaan nu'uun, ‹Haga nuuti gara keessan dhunnu achumatti nu eega'a› yoo jedhane, adduma jirutti isaan hin eeganna; gara isaaniille hin dhandhu.
1SA 14:10 Garuu isaan, ‹Gara keenna kowa'a› yoo jedhane, Mootiin Waan Maraa isaan harka keennatti dabarsee akka kenne beessisa nu'uuf waan te'uuf, gara isaanii hin dhandha» jedhe.
1SA 14:11 Maarre isaan lamaanuu garee loltoota Filisxeemotaatitti mudhatane. Filisxeemotille, «Kunoo, Ibrooti boolla itti dhokatane keessaa bayiissatti jiran» jedhane.
1SA 14:12 Loltoota Filisxeemotaa keessaa jarri takka, Yonaataanii fi dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Waan tokko isinitti mudhinna, gara keenna kowa'a» jedhane. Maarre Yonaataanille dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'atuun, «Mootiin Waan Maraa harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan waan kenneef, na gula koy!» jedhe.
1SA 14:13 Achiin duuba Yonaataan harkaa fi miilaan ol baye; dargaggeessi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atulle isa gula baye; worri Filisxeemotaa harka Yonaataanii bu'ane; dargaggeessi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atulle isa gula deemaa isaan ijjeese.
1SA 14:14 Yonaataanii fi dargaggeessi meya isaa ka woraanaa ba'atu lola guyyaa jalqabaatiin, lafa gamisa ximmaadii tokkoo keessatti namoota gara diddamaa ijjeesane.
1SA 14:15 Addee quttumaatitti, ficha'aa fi kolbaa mara oddu'utti raafam te'e; loltootii fi gareen loltootaa hollatane; lattille tachootee raafam guddaan te'e.
1SA 14:16 Eeddoti Saa'olii ta lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa jiranu, loltooti Filisxeemotaa asii fi achi akka bittinnowane dhaggane.
1SA 14:17 Saa'ol worra isa woliin jiruun, «Loltoota keenna laakkowa'aatii nu keessaa eentu akka deemee ilaala'a» jedhe; isaan yennaa loltoota laakkowane, Yonaataanii fi dargaggeessi isaa ka meya woraanaa isaaf ba'atu achi hin jiranu.
1SA 14:18 Yennaa san Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa kolbaa Israa'elii bira waan jiruuf, Saa'ol mooticha Ahiiya'aan, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa as fidi!» jedhe.
1SA 14:19 Saa'ol hayyicha woliin dubbatiisatti adoo jiruu quttuma Filisxeemotaa keessa hogaan ittuma bira dabare; maarre Saa'ol hayyichaan, «Daadimatiisa lakkis!» jedhe.
1SA 14:20 Achiin duuba Saa'olii fi kolbaan isa woliin jirtu wolitti qabamanee lolaaf duulane; achitti Filisxeemoti joonjitee, shallaaguma ifiitiin wol fixanuun dhaggane.
1SA 14:21 Ibrooti dur Filisxeemota woliin jiranuu fi ta isaan woliin gara addee quttumaa deemane, gara Israa'eloota Saa'olii fi Yonaataan woliin jiranuu deebi'ane.
1SA 14:22 Israa'elooti lafa koobittii Efreemii keessa dhokataneeranu marti, Filisxeemoti baqatiisatti akka jiranu dhage'anee, isaan loliisaaf gula deemaa ari'ane.
1SA 14:23 Maarre Mootiin Waan Maraa guyyaa san Israa'eloota qarqaaree, haga qachaa Bet-Aweenii dabaranee lolane.
1SA 14:24 Saa'ol guyyaa san, «Ani diinota kiyya adoo haluu hin bayin haga galgalaatitti, nami sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti» jedhee kolbaa waan kakachiiseef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte; maarre kolbaa keessaa nami tokkolle sagalee afaaniin hin qanne.
1SA 14:25 Loltooti marti gongomaa yennaa seenane, lafa irratti damma dhaggane.
1SA 14:26 Isaan gongomaa keessa yennaa seenane dammi sun coccophuun dhaggane; te'uu malee isaan kakuu waan sodaataneef, nami tokkolle damma san afaan ifiitiin hin qanne.
1SA 14:27 Yonaataan ammoo abbaan isaa kolbaa akka kakachiise waan hin dhage'iniif, qaccee ulee qabateeruu nadhii damma saniititti cuuphee muxate; ilti isaalle banante.
1SA 14:28 Achiin duuba loltoota keessaa nami tokko, «Abbaan keeti, ‹Nami guyyaa adhaa sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti› jedhee kolbaa kakachiiseera; tanaaf kolbaan marti dadhaddeerti» jedhe.
1SA 14:29 Yonaataan deebisee, «Abbaan kiyya kolbaa teenna rakkiseera. Ani damma kana irraa diqquma waan muxadheef, ilti tiyya attam akka banante ilaala'a!
1SA 14:30 Kolbaan waan diinota ifii irraa saante adha adoo nyaattee jiraatte silaa attam irra caalaa dansa'a ree? Filisxeemota keessalle'ee silaa tana caalaa ijjeefamaniiyyu» jedhe.
1SA 14:31 Guyyaa san Israa'elooti worra Filisxeemotaa qachaa Miikmaashii irraa haga qachaa Ayalonii lolaneen duuba guddoo dadhabane.
1SA 14:32 Isaan waan saamane san hoolee, loonii fi jabbilee ariiti'iin qalatanee foon dhiiguma woliin nyaatane.
1SA 14:33 Achiin duuba jarri takka, «Kunoo, kolbaan foon dhiiguma woliin nyaattee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiisatti jirti» jedhanee Saa'olitti himane. Innille, «Isin seera cassitaneertan; amma dhakaa guddaa gangalcha'aatii as gara kiyya fida'a!» jedhe.
1SA 14:34 Achiin duuba inni, «Kolbaa keessa deddeema'aatii, isaaniin, ‹Tokko tokkoon keessan loonii fi hoolee teessan as gara kiyya fida'aatii, asumatti qaladha'aa nyaadha'a! Garuu foon dhiiguma woliin nyaatiisaan Mootii waan Maraa duratti cubbuu hin hujina'a› jedha'aa itti hima'a» jedhe. Maarre tokko tokkoon isaanii loon ifii fidanee galgaluma san achitti qalatane.
1SA 14:35 Achiin duuba Saa'ol addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare; tun addee ciinca'aa ta inni jalqaba irratti Mootii Waan maraatiif ijaare.
1SA 14:36 Saa'ol, «Kowa'a, halkaniin worra Filisxeemotaa gula deennee haga latti bariitutti isaan saanna! Isaan keessalle'ee nama tokkolle lubbu'uun hin hamburru» jedhe. Isaanille, «Waanuma sitti tole mara godhi» jedhanee deebisane. Hayyichi ammoo, «Me, qara asumatti Waaqa gaafannuu ti» jedhe.
1SA 14:37 Maarre Saa'ol, «Worra Filisxeemotaa gula deemuu? Harka Israa'elootaatitti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Waaqa gaafate; Waaqi ammoo guyyaa san deebii isaaf hin kennine.
1SA 14:38 Tanaaf, Saa'ol, «Isin sooressitooti loltootaa marti as kowa'a! Cubbuu adha hujante qorqorree dhaggina!
1SA 14:39 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee Israa'eloota hamburee! Nami cubbuu tana huje ilma kiyya Yonaataan te'ulle ijjeefamuu ti!» jedhe. Garuu kolbaa keessaa nami tokkolle deebii hin kennine.
1SA 14:40 Achiin duuba Saa'ol Israa'eloota maraan, «Isin gara san dhaabbadha'a! Ani fi ilmi kiyya Yonaataan ammoo gara kana hin dhaabbanna!» jedhe. Kolbaalle isaan, «Ati waanuma sitti tole mara godhi!» jette.
1SA 14:41 Tanaaf, Saa'ol gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii daadimatee, «Ati deebii sirrii teete naaf deebisi» jedhee hixaa buuse; hixaan Saa'olii fi Yonaataan irra bu'e; kolbaalle bilisa baate.
1SA 14:42 Saa'ol, «Anaa fi ilma kiyya Yonaataaniif hixaa buusa'a» jedhe; hixaan Yonaataan irra bu'e.
1SA 14:43 Achiin duuba Saa'ol Yonaataaniin, «Waan hujje natti himi!» jedhe; Yonaataanille, «Qaccee ulee tiyyaatiin damma diqqaa isaa muxadheera; kunoo, ani amma du'uu qaba!» jedhe.
1SA 14:44 Saa'ol, «Yonaataan, ati yoo hin ijjeefamin, Waaqi na ijjeesuu ti!» jedhe.
1SA 14:45 Kolbaan ammoo Saa'oliin, «Nami baafama guddaa akkanaa Israa'el keessatti fide, Yonaataan ijjeefamuu qabaa ree? Tun hin teetu; inni adha qarqaarsa Waaqaatiin tana waan hujeef, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Rifeensa mataa isaa keessaa tokkolle lafa hin bu'u» jedhane. Maarre kolbaan Yonaataan du'a irraa hamburte.
1SA 14:46 Achiin duuba Saa'ol Filisxeemota ari'iisa lakkisee, isaan gara biyya ifii deebi'ane.
1SA 14:47 Saa'ol Israa'el irratti mootii te'een duuba diinota adaala ifii: Mo'aabota, Amoonota, Edoomota, mootota Zoba'aatii fi Filisxeemota lole; inni addee dhaqe maratti diinota ifii injifate.
1SA 14:48 Inni jannuma'aan lolee Amaaleqoota injifatee, Israa'eloota worra isaan saamu jalaa baase.
1SA 14:49 Maqaan ilmaan Saa'olii, Yonaataan, Yishwii fi Malkiishuwa'a. Maqaan durra isaa angafittiin, Meraab, maandhittiin Mikaal.
1SA 14:50 Maqaan haadha manaa isaa Ahino'aam; isiin intala Ahimaazii ti; maqaan ajajaa loltoota isaa Abneer; inni ilma Neerii obboleessa abbaa Saa'olii ti.
1SA 14:51 Abbaan Saa'olii Qiishii fi abbaan Abneerii Neer, isaan lamaanuu ilmaan Abii'elii ti.
1SA 14:52 Bara Saa'olii mara Filisxeemota woliin lolli jabaan jiraayyu; Saa'olille nama hunnaamessa yookiin janna yennaa dhagge, fudhatee tajaajilaa ifii godhata.
1SA 15:1 Saamu'el Saa'oliin, «Kolbaa isaa Israa'el irratti mootii akka teetu ani akka si muuduuf, Mootiin Waan Maraa na ergeera; tanaaf ati ergaa Mootii Waan Maraa biraa dhutte caqasi!
1SA 15:2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Israa'elooti biyya Gibxi'iitii yennaa bayane Amaaleqooti karaa irratti isaan waan mormaneef ani isaan hin adaba.
1SA 15:3 Ati amma dhaqiitii Amaaleqoota loli; dhiiraa fi dubartii, ijoolle'ee fi annoolee, loon, hoolee, gaalaa fi harree waan tokkolle adoo hin hamburin waan isaan qabanu mara ijjumaa balleessi› jedha» jedhe.
1SA 15:4 Maarre Saa'ol addee, «Xilaa'iim» jedhantutti namoota wolitti qabee, isaan keessaa loltoota miilaa kuma dhibba lama, Yihudaa keessalle'ee namoota kuma kudhan laakkowe.
1SA 15:5 Saa'ol gara qachaa Amaaleqootaa dhaqee dhooqa takka keessatti riphee gaade.
1SA 15:6 Inni worra Qenootaatiin, «Isin yennaa Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa baatu waan dansaa isaaniif waan gootaneef, ani worra Amaaleqootaa woliin akka isin hin balleessine isaan irraa adda baya'a» jedhe; maarre worri Qenootaa Amaaleqoota irraa adda bayane.
1SA 15:7 Achiin duuba Saa'ol worra Amaaleqootaa Hawiilaa irraa jalqabee haga Shuurii ta Gibxii irraa karaa aduun baatu jirtuutitti lole.
1SA 15:8 Inni mootii Amaaleqootaa Agaag lubbu'uun adoo jiruu booji'ee, kolbaa isaa mara shallaaga'aan ijjumaa balleesse.
1SA 15:9 Saa'olii fi loltooti isaa ammoo Agaag, loonii fi hoolee dadansaa, jabbi'ii fi buruusota cocooma adoo hin ijjeesin lakkisane. Isaan kana ijjumaa balleessuu hin barbaanne; garuu isaan waan woy hin baane ka tuffatane qofa balleessane.
1SA 15:10 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Saamu'elii dhufee,
1SA 15:11 «Saa'ol na hordofatiisa lakkisee, seera kiyyalle waan hin eegatiniif, ani waan isa mootonseef gaabbeera» jedhe. Saamu'elille guddoo aaree halkan guutuu gara Mootii Waan Maraa iyye.
1SA 15:12 Saamu'el barii ganamaan ka'ee Saa'ol dhaggiisaaf dhaqe; garuu, «Saa'ol gara Qarmelosii deemeera; achitti ulfinna ifiitiif soodduu dhaabbateen duuba, deebi'ee gara Giilgalii deemeera» jedhanee isatti himane.
1SA 15:13 Saamu'el gara Saa'olii yennaa dhufe, Saa'ol isaan, «Mootiin Waan Maraa si eebbisu! Ani ajaja Mootii Waan Maraa muummesseera» jedhe.
1SA 15:14 Saamu'elille, «Madhi hoole'eetii fi baroodiis korommi'ii ka ani gurra kiyyaan dhage'u kun maan?» jedheen.
1SA 15:15 Saa'ol deebisee, «Kun waan Loltooti worra Amaaleqootaa irraa boojitee fidde, isaan hoolotaa fi korommii dadansaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ciincaa dhikeessiisaaf fidaneeran; waan hafe ijjumaa balleessineerra» jedhe.
1SA 15:16 Saamu'elille Saa'oliin, «Diqqoo eegi! Halkan kale'ee waan Mootiin Waan Maraa natti hime sitti hima!» jedhe; Saa'olille, «Natti himi me!» jedhee deebise.
1SA 15:17 Saamu'elille, «Ati akka nama diqqaa tokkootitti ifi ilaaltulle, sooressa gosa Israa'elii teetee hin jirtuu ree? Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti mootii si godhee muudeera;
1SA 15:18 Mootiin Waan Maraa, ‹Dhaqiitii, Amaaleqoota cubbaaleyyii san ijjumaa balleessi! Haga isaan ijjumaa badanutti loli› jedhee si ergeeraayyu;
1SA 15:19 ati Mootii Waan Maraatiif maaf hin ajajamin ree? Boojuu fudhatiisaaf joljoltee Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu maaf hujje ree?» jedhe.
1SA 15:20 Saa'olille deebisee Saamu'eliin, «Ani Mootii Waan Maraatiif ajajameera; gara inni itti na ergelle dhaqeera; Amaaleqoota mara balleessee, mootii isaanii Agaagille booji'ee fideera.
1SA 15:21 Loltooti ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif Giilgalitti ciincaa dhikeessiisaaf, boojuu keessaa hoolotaa fi korommii dadansaa fuudhanee dhufaneeran» jedhe.
1SA 15:22 Saamu'el deebisee, «Mootiin Waan Maraa nama jecha isaatiif ajajamutti haga gammadu, kennansa gubamuu fi ciincaa dhikaatutti hin gammadaa ree? Kunoo, ajajamiis ciincaa dhikeessanu caala; dhage'iisille korbeessa hoole'ee coomaleessa ciincaa dhikeessanu caala.
1SA 15:23 Finqilli akka cubbuu nama moruu ti; koorrille waaqa dharaa akka waaqonfatiisaa ti; ati jecha Mootii Waan Maraa waan tuffatteef, innille akka ati mootii hin teene si tuffateera» jedheen.
1SA 15:24 Achiin duuba Saa'ol Saamu'eliin, «Ani cubbuu hujeera; ajaja Mootii Waan Maraatii fi seera keeti irra dabareera; kolbaa waan sodaadheef waan isaan na gaafatane mara godheera.
1SA 15:25 Tanaaf, amma maganne'e cubbuu tiyya naa araaramiitii, Mootii Waan Maraa akka waaqonfadhu na woliin deebi'i» jedhe.
1SA 15:26 Saamu'el ammoo isaan, «Ani si woliin hin deebi'u! Ati jecha Mootii Waan Maraa waan tuffateef, innille akka ati Israa'el irratti mootii hin teene si tuffateera» jedhe.
1SA 15:27 Saamu'el deemiisaaf yennaa garagale, Saa'ol qaccee handaara woyaa isaa qabatee, woyaalle tarsaate.
1SA 15:28 Saamu'elille, «Mootiin Waan Maraa mootummaa Israa'elii adha si irraa tarsaasee, nama dhibii si caaluuf dabarsee kenneera.
1SA 15:29 Mootiin Waan Maraa ka ulfinna Israa'elii te'e, hin hollu yookiin hin gaabbu; inni nama waan hin te'iniif akka namaa hin gaabbu» jedheen.
1SA 15:30 Achiin duuba Saa'ol deebisee, «Ani cubbuu hujeera, maganne'e jaarsolee kolbaa tiyyaatii fi Israa'eloota duratti ulfinna naaf kenni; Mootii Waan Maraa Waaqa keeti akka waaqonfadhu maganne'e na woliin deebi'i» jedheen.
1SA 15:31 Maarre Saamu'el isa woliin deebi'ee, Saa'olille Mootii Waan Maraa waaqonfate.
1SA 15:32 Achiin duuba Saamu'el, «Mootii Amaaleqootaa Agaag naa fida'a!» jedhe; Agaagille, «Dhugumaan duuti hadhoottuun dabarteerti» jedhaa gammadaa gara isaa dhufe.
1SA 15:33 Saamu'el ammoo, «Akkuma shallaagaan keeti dubartoota ta ijoollee hin qanne goote, haati teetille dubartoota keessaa ta ijoollee hin qanne teeti» jedhee, Giilgalitti Mootii Waan Maraa duratti Agaag kukkute.
1SA 15:34 Achiin duuba Saamu'el gara Raama'aa deeme; Saa'olille gara mana ifii ka Giibe'aa keessa jiruu deeme.
1SA 15:35 Saamu'el Saa'oliif bowulle haga du'a ifiititti isa dhaggiisaaf gara isaa hin deenne; Mootiin Waan Maraa Saa'ol Israa'el irratti waan mootii godheef gaabbe.
1SA 16:1 Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Akka inni Israa'el irratti mootii hin teene, nama ani tuffadhe Saa'oliif haga yoomii bootta? Ani ilmaan Iseyii keessaa nama mootii te'u waan dhaggadheef, gara Iseyii nama biyya Betlihemii waan si erguuf, meya gaafaa keetitti zayitii ejersaa guutii fudhadhuu deemi» jedhe.
1SA 16:2 Saamu'el ammoo, «Saa'ol tana yoo dhage'e na waan ijjeesuuf, ani attam dhaquu dande'a ree?» jedhe; Mootiin Waan Maraa deebisee, «Goronsa tokko geessiitii, ‹Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhufeera› jedhi!
1SA 16:3 Iseyille gara addee ciincaa itti dhikeessituu waami; ani waan ati gootu sitti himee, nama ani sitti himu naaf hin muudda» jedhe.
1SA 16:4 Saamu'el waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe; yennaa inni Betlihem geye jaarsoleen qachaa sanii hollataa isa qophatiisaaf dhuttee, «Ati nageyaafuu dhuttee?» jettee isa gaafatte.
1SA 16:5 Saamu'el deebisee, «Ee nagewuma; ani Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf dhufe; isinille ifi woyyoonsa'aatii na woliin gara ciinca'aa kowa'a» jedhe; achiin duuba inni Iseyii fi ilmaan isaa woyyoonsee gara ciinca'aa san akka dhufanu isaan waame.
1SA 16:6 Isaan yennaa achi geyane, Saamu'el isaan keessaa Eliiyaab dhaggee, «Dhugumaan nami Mootiin Waan Maraa muude, Mootii Waan Maraa dura kunoo, dhaabbateera» jedhee herrege.
1SA 16:7 Mootiin Waan Maraa ammoo Saamu'eliin, «Ani waan isa tuffadheef bifa isaa yookiin dheerinna hojjaa isaa hin ilaalin; Mootiin Waan Maraa akka nami ilaalu hin ilaalu; nami fuula ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo qalbii ilaala» jedhe.
1SA 16:8 Achiin duuba Isey Abinaadaab waamee fuula Saamu'elii dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isa kanalle hin filanne» jedheen.
1SA 16:9 Iseyille Shamaa fuula isaa dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isalle hin filanne» jedhe.
1SA 16:10 Isey ilmaan ifii torba fuula Saamu'elii dura akka dabaranu godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isaan kana hin filanne» jedhe
1SA 16:11 Maarre inni Iseyiin, «Ilmaan teeti tanuma calla'aa?» jedhee gaafate. Iseyille, «Maandhich isaan maraa hin dhunne; inni hoolee tissiisatti jira» jedhee deebise; Saamu'elille, «Haga inni dhufutti nuuti waan gad hin teenneef, itti ergiitii isa fichisiisi!» jedhe.
1SA 16:12 Tanaaf inni nama itti ergee isa fichisiise; innille diimaa, nama miidhagaa ila kuulle'ee ti. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saa'oliin, «Nami ani filadhe isa kana; ka'iitii isa muudi!» jedhe.
1SA 16:13 Saamu'elille gaafa Zayiti'iin guutame fuudhee obboleeyyan isaa duratti isa muude; guyyaa sanii jalqabee Ayyaanni Mootii Waan Maraa Daawiti irratti bu'e; achiin duuba Saamu'el gara Raama'aa deebi'e.
1SA 16:14 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Saa'ol irraa fagaatee, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergame isa rakkise.
1SA 16:15 Tajaajiltooti Saa'olii isaan, «Kunoo, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergamee si rakkisiisatti jira.
1SA 16:16 Tanaaf ayyaanni hamaan ka Mootiin Waan Maraa sitti erge sun yennaa sitti dhufu, nama kiraara gudicha akka dansaa taphatee akka ati fayyitu si godhu akka si'iif barbaannu nu tajaajiltoota teeti ajaji!» jedhane.
1SA 16:17 Maarre Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Nama akka dansaa kiraara guddicha taphatu barbaada'aatii naa fida'a!» jedhe.
1SA 16:18 Tajaajiltoota keessaa tokko, «Nama kiraara guddicha akka dansaa taphatu ilma Iseyii nama biyya Betlihemii dhaggeera; inni janna, ka lola dande'u, nama dubbii beekuu fi nama dhaaba tolu; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jira» jedhee deebise.
1SA 16:19 Tanaaf Saa'ol gara Iseyii nama erge, «Ilma keeti ka tissee hoole'ee Daawiti naaf ergi» jedhe.
1SA 16:20 Maarre Isey daabbo'oo fi qalqalluu daadhii woyni'ii harre'etti fe'ee, buruusoo korbeessa re'e'ee ilma ifii Daawititti kennee gara Saa'olii erge.
1SA 16:21 Daawiti gara Saa'olii dhufee isa tajaajiliisa jalqabe; Saa'olille guddoo isa jaalatee, innille dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu te'e
1SA 16:22 Achiin duuba Saa'ol gara Iseyii nama ergee, «Daawiti na duratti fudhatama waan dhaggateef, na bira tee'ee na tajaajiluu ti» jedhe.
1SA 16:23 Ayyaanni hamaan Waaqa biraa gara Saa'olii yennaa dhufu, Daawiti kiraara guddicha taphataayyu; Saa'olille fayyee ayyaanni hamaan sun isa irraa fagaataayyu.
1SA 17:1 Filisxeemoti loltoota ifii qachaa Yihuda'aa Sokooti keessatti lolaaf wolitti qabatane; isaanille Sokootii fi Aazeqaa wodhakkaa Efes-Damiim keessa qubatane.
1SA 17:2 Saa'olii fi Israa'elooti wolitti qabamanee dhooqa Elaa keessa qubatanee, Filisxeemota loliisaaf tarree galane.
1SA 17:3 Wodhakkaa isaanii dhooqi takka jirtuun, Filisxeemoti kooba takka, Israa'elootille kooba dhibii qabatane.
1SA 17:4 Nami qachaa Gaatiitii dhufe tokko ka hojjaan isaa ciqilee jaa fi taakku'uu, ka jannuma'aan beekkame Goliyaad quttuma Filisxeemotaa keessaa bayee dhufe.
1SA 17:5 Inni gullee sageettuu irraa hujante mata'atti keyatee, qomoo sageettuu irraa hujante meya lolaa ta kiiloogiraama shantamii torbaa uffateeraayyu.
1SA 17:6 Inni waan akka quncee mukaa ta sageettuu irraa hujante miila ifiititti hidhatee, urdee sageettuu irraa hujante gurmuu ifii irraa qabaayyu.
1SA 17:7 Somey eboo isaa muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowe san itti maru geettiiyyu; sibiilli eboo isaalle gara kiiloogiraama torbaa ti; tajaajilaan wontee isaa ba'atu isa dura deemaayyu.
1SA 17:8 Goliyaad dhaabbatee loltoota Israa'elii tarree galtee jirtuun, «Isin maaniif tarree galtanee lolaaf baatane? Ani nama biyya Filisxeemotaa ti; isinille tajaajiltoota Saa'oliitii motii? Nama tokko filadha'a; inni gara kiyya dhufuu ti!
1SA 17:9 Inni na lolee yoo na ijjeesuu dande'e, nuuti tajaajiltoota teessan hin teena. Ani ammoo isa injifadhee yoo isa ijjeese, isin tajaajiltoota teenna teetanee nu hin tajaajiltan» jedhe.
1SA 17:10 Achiin duuba nami biyya Filisxeemotaa sun, «Ani adha loltoota Israa'elii haga ilaala, nama na lolu tokko naaf kenna'a!» jedhe
1SA 17:11 Saa'olii fi Israa'elooti marti dubbii nami biyya Filisxeemotaa dubbate tana dhage'anee, nayanee guddoo sodaatane.
1SA 17:12 Daawiti ilma Iseyii nama biyya Efraata'aa, ka biyya Yihuda'aa qachaa Betlihemii keessa le'uu ti. Isey ilmaan dhiiraa saddeeti qabaayyu; bara Saa'olii keessa inni guddatee dulloomeeraayyu.
1SA 17:13 Ilmaan Iseyii gugurdoon sad lolaaf Saa'ol woliin duulaneeraniiyyu; maqaan ilmaan isaa ka lolaaf duulanee, angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shama'a.
1SA 17:14 Daawiti isaan maraaf maandhicha; obboleeyyan isaa gugurdoon sad Saa'ol woliin duulane;
1SA 17:15 Daawiti ammoo hoolee abbaa ifii tissiisaaf Saa'ol biraa gara Betlihemii deebi'e.
1SA 17:16 Nami biyya Filisxeemotaa sun guyyaa afurtama ganamaa fi galgala loltoota Israa'elootaa dura dhufee dhaabbataayyu.
1SA 17:17 Isey ilma ifii Daawitiin, «Akum'ee garbu'uu kiiloogiraama diddamaa fi xaltaa daabbo'oo kudhan kana qabadhuutii obboleeyyan teetiif ariifadhuu addee quttumaa geessi!
1SA 17:18 Itittuu goge kudhan kanalle ajajaa loltootaatiif geessi; obboleeyyan teeti nageyaan akka jiranu ilaaliitii, nageyaan jiraatiisa isaanii beessisa isaan biraa fidii koy.
1SA 17:19 Isaan Saa'olii fi Israa'eloota mara woliin dhooqa Elaa keessatti Filisxeemota loliisatti jiran» jedhe.
1SA 17:20 Daawiti boruyyaa ganama ka'ee hoolota tissitootatti lakkisee, waan Isey isa ajaje ba'atee deeme; loltooti addee qabataneeranu, lolaaf dhaadataa bayiisatti jiranuun addee quttumaa san geye.
1SA 17:21 Israa'elootii fi Filisxeemoti tarree galanee fuula wolitti galaneeraniiyyu.
1SA 17:22 Daawiti meya ifii namicha galaa eegu biratti lakkisee, gara lolaa fiigee obboleeyyan ifii dhaggee nageya fuudhe.
1SA 17:23 Inni obboleeyyan ifii woliin adoo haasowiisatti jiruu, Goliyaad nami janni worra Filisxeemotaa ka biyya Gaatiitii dhufe, tarree loltootaa keessaa bayee akkuma qaraa dhaadatuun, Daawiti isa dhage'e.
1SA 17:24 Israa'elooti Goliyaad yennaa dhaggane, marti isaaniituu guddoo sodaatanee isa duraa baqatane.
1SA 17:25 Isaan, wol wolille'een, «Nama guyyuma guyya'aan dhufee Israa'eloota arrassu kana hin dhaggitan. Nama isa ijjeeseef mootichi karra bacaa hin kenna. Intala ifiille isa fuusisee, maatii abbaa isaalle biyya Israa'elii keessatti gibira akka hin kaffalle hin godha» jedhane.
1SA 17:26 Daawiti worra isa bira dhaabbateen, «Nama biyya Filisxeemotaa kana ka ijjeesee, salphinna akkanaa kana Israa'eloota irraa nama balleessuuf maan isaaf godhan? Nami biyya Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabatin kun, loltoota Waaqa jiraata'aatitti dhaadatiisaaf inni eennu?» jedhee gaafate.
1SA 17:27 Isaanille, «Nama isa ijjeeseef wonni godhamu'uu male kana» jedhanee waanuma qara dubbatane san deebisanee isatti himane.
1SA 17:28 Obboleessi isaa angafichi Eliiyaab, Daawiti namoota woliin dubbatuun isa dhage'ee, aaree bobe'ee, «Maaf as dhutte? Hoolota diqqoo san goomolee keessatti eennu biratti lakkitte? Ati sababa koora keetiitii fi hammeenna gadhaa keetiitiif, lola ilaaliisaaf akka ati dhutte ani hin beeka» jedhe.
1SA 17:29 Daawitille, «Ani amma maan godhe ree? Ani woyiiyyuu gaafatiisumalle hin dande'uu?» jedhe.
1SA 17:30 Achiin duuba inni gara nama dhibi'ii deebi'ee, gaaffuma san deebisee gaafate; namootille deebuma qaraa taan isaaf deebisane.
1SA 17:31 Saa'ol waan Daawiti dubbate dhage'ee, nama ergee Daawiti gara ifii waansise.
1SA 17:32 Daawitille Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti dhaqee isa waan loluuf sababa Filisxeemicha kanaatiin gadhaan nama tokkolle hin raafamin» jedhe.
1SA 17:33 Saa'olille deebisee Daawitiin, «Ati ijoolle'e; inni garuu dargaggummaa ifiitiin jalqabee lola waan barateeruuf, Filisxeemicha kana woliin wol loliisaaf hin dandeettu» jedheen.
1SA 17:34 Daawiti ammoo Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti hoolota abbaa kiyyaa yennaa tissu, neenqi yookiin doobbaan dhufee tika keessaa hoolee yookiin re'ee takka yoo qabu,
1SA 17:35 reebee dhowee irraa buusa. Yennaa inni natti garagalu laagadaa isaa hudhee dhowee isa ijjeesaayyu.
1SA 17:36 Ani tajaajilaan keeti neenqaa fi doobbaalle ijjeeseera; Filisxeemichi kun ka haqanqabaa hin qabatin, loltoota Waaqa jiraata'aa waan arrasseef, innille akkuma bineensota san keessaa tokkochaa hin te'a.
1SA 17:37 Mootiin Waan Maraa ka kottee neenqaatii fi kottee doobba'aa jalaa na baase sun harka Filisxeemichaa jalalle'ee na hin baasa» jedhe. Saa'olille Daawitiin, «Dhaqi, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti,» jedhe.
1SA 17:38 Achiin duuba Saa'ol woyaa ifii ta lolaa Daawititti uffisee, gullee sageettuu irraa hujante mataa isaatitti keyee, qomoo itti uffise.
1SA 17:39 Daawiti woyaa akkanaa uffatee waan hin beenneef, woyaa lolaa irratti shallaagaa hidhatee ideemiisaaf wodhaane. Inni Saa'oliin, «Tanaan qara uffadhee waan hin baratiniif akkas uffadhee loliisa hin dande'u» jedhe. Maarre inni woyaa san ifi irraa baafate.
1SA 17:40 Achiin duuba ulee ifii fudhatee, dhakaa qunqumhicha shan laga keessaa filee korojoo ifiititti naqateen duuba, looyyaa harkatti qabatee Filisxeemichatti dhikaate.
1SA 17:41 Filisxeemichille tajaajilaa meya lolaa isaa ba'atu ifiin dura ideensisaa gara Daawitii dhikaataa dhufe.
1SA 17:42 Filisxeemichi Daawiti ilaalee yennaa dhagge, Daawiti diimaa miidhagaa dhaaba tolu, ijoollicha waan te'eef isa tuffate.
1SA 17:43 Inni Daawitiin, «Ani saree teenaan ulee qabattee natti dhuttee?» jedhee, maqaa waaqota ifiitiin isa abaare.
1SA 17:44 Inni, «Me, gara kiyya as koy! Ani foon keeti allaatti'ii fi bineensaafille hin kenna» jedhe.
1SA 17:45 Achiin duuba Daawiti Filisxeemichaan, «Ati shallaagaa, ebo'oo fi urdee teeti qabattee natti dhutta; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa loltoota Israa'elii ka ati arrassituun sitti dhufa.
1SA 17:46 Biyyi lafaa marti Israa'el keessa Waaqi akka jiru akka beettuuf, adha Mootiin Waan Maraa harka kiyyatti dabarsee si hin kenna. Ani dhowee si jissee mataa keeti si irraa hin kuta; guyyaa adhaa reeffa loltoota Filisxeemotaa allaatotaa fi bineensotaafille hin kenna.
1SA 17:47 Worri asitti wolitti qabame marti Mootiin Waan Maraa shallaaga'aan yookiin ebo'oon akka nama hin baanne hin beekan; lolli ka Mootii Waan Maraa waan te'eef, isin mara harka keennatti dabarsee hin kenna» jedhe.
1SA 17:48 Yennaa Filisxeemichi ka'ee Daawiti loliisaaf gara isaa dhikaate, Daawitille isa loliisaaf ariiti'iin gara addee lolaa fiige.
1SA 17:49 Daawiti subba ifii keessa harka keyee, dhakaa fuudhee, looyya'aan qolaansee, adda Filisxeemichaa dhowe; dhakaan sun adda isaa keessa lixee seenee, innille gad gombifamee addaan lafa dhowe.
1SA 17:50 Maarre Daawiti looyya'aa fi dhakaa qofaan Filisxeemicha injifate; inni shallaagaalle harkatti adoo hin qabaatin Filisxeemicha dhowee ijjeese.
1SA 17:51 Achiin duuba Daawiti gara isaa fiigee isa gubbaa dhaabbate. Inni shallaagaa isaatuu gonofaa isaa keessaa buqqifatee, ittiin mataa isaa irraa mure. Worri Filisxeemotaa gooti isaanii akka du'e yennaa dhaggane deebi'anee baqatane.
1SA 17:52 Achiin duuba worri Israa'eliitii fi Yihuda'aa ka'anee qeexalaa, worra Filisxeemotaa haga seensuma Gaatiitii fi haga karra Eqroonii ari'ane. Maarre reeffi Filisxeemotaa karaa Sha'araayimii irraa haga Gaatiitii fi haga Eqrooniititti jijjige.
1SA 17:53 Worri Israa'elootaa yennaa Filisxeemota ari'anee deebi'ane addee quttuma isaanii saamane.
1SA 17:54 Daawitille mataa Filisxeemichaa fuudhee gara Yerusaalemii geesse; meya lolaa ka isaa ammoo dunkaanii ifii keessa keyate.
1SA 17:55 Daawiti Filisxeemicha loliisaaf deemuun Saa'ol yennaa dhagge, ajajaa loltootaa Abneeriin, «Abneer, dargaggeessi kun ilma eennuu ti?» jedhee gaafate. Abneerille, «Ee mooticha, du'a lubbuu teetiitiin kakadha, ilma eennuu akka inni te'e, ani hin beeku» jedhee deebise.
1SA 17:56 Mootichille, «Dargaggeessi kun ilma eennu akka te'e beeki» jedheen.
1SA 17:57 Daawiti Filisxeemicha ijjeesee akkuma deebi'een, mataan Filisxeemichaa harka Daawitii keessa adoo jiruu, Abneer Saa'ol dura isa dhikeesse.
1SA 17:58 Saa'ol isaan, «Dargaggeessa kana, ati ilma eennuu ti?» jedhee gaafate. Daawitille isaan, «Ani ilma tajaajilaa keeti ka Iseyii nama qachaa Betlihemii ti» jedhe.
1SA 18:1 Daawiti akkuma Saa'ol woliin dubbatee fixateen, Yonaataan Daawiti woliin jaalomee, akka lubbuu ifii isa jaalate.
1SA 18:2 Guyyaa saniin jalqabee, Saa'ol isa fudhate; akka Daawiti gara mana abbaa ifii deebi'u isa hin lakkinne.
1SA 18:3 Yonaataan akka lubbuu ifii isa waan jaalateef, isa woliin gondooroo godhate.
1SA 18:4 Yonaataan geellaa ifii uffate ifi irraa baafatee meya woraanaa, shallaagaa ifiille, guube'ee fi hiituu hidhaa ta ifii woliin Daawitiif kenne.
1SA 18:5 Daawiti addee Saa'ol isa erge mara dhaqee haajaa ergameef akka dansaa waan muummessuuf, Saa'ol loltoota irratti baallii isaaf kenne; tunille kolbaa maraa fi tajaajiltoota Saa'olii gammachiitte.
1SA 18:6 Daawiti Filisxeemicha ijjeeseen duuba, namooti gara mana ifii yennaa deebi'anu, dubartooti dibbe'ee fi maseenqoo qabatanee, sirbaa, qeexalaa, ilillisaa mooticha Saa'ol fudhatiisaaf qachaa Israa'elii mara keessaa gad bayane.
1SA 18:7 Dubartooti sun wol woliin, «Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawitille kuma kudhan hedduu ijjeese» jedhaa sirbite.
1SA 18:8 Dubbiin tun Saa'ol waan hin gammachiisiniif guddoo aare; inni, «Daawitiif kuma kudhan hedduu, naaf ammoo kuma hedduu qofa laakkowane; mootummaa fudhatiisa malee maanti isaaf hafe ree?» jedhe.
1SA 18:9 Guyyaa saniin jalqabee Saa'ol Daawiti hinaafe.
1SA 18:10 Boruyyaa, ayyaanni hamaan Waaqa biraa Saa'ol irratti bu'e; Daawiti akkuma qaraa kiraara guddicha yennaa taphatu, Saa'ol mana ifii keessatti akka nama maraata'aa dubbatiisatti jiraayyu; Saa'ol eboo ifiille harkatti qabateeraayyu.
1SA 18:11 Inni, «Daawiti dhaaba manaa woliin wolitti qassiisa» jedhee herregee eboo darbate; Daawiti garuu yennaa lama isa duraa miliqe.
1SA 18:12 Mootiin Waan Maraa isa lakkisee Daawiti woliin waan jiraateef, Saa'ol Daawiti sodaate.
1SA 18:13 Maarre inni Daawiti ifi biraa fageessee ajajaa loltoota kumaa isa godhe; Daawitille yennaa duulaa isaan sooresse.
1SA 18:14 Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiraateef, wonni Daawiti huju marti isaaf hin milkootti.
1SA 18:15 Daawiti milkii guddoo akka qabu yennaa dhagge, Saa'ol isa sodaate.
1SA 18:16 Ka isaan sooressu isa waan te'eef, namooti Israa'eliitii fi Yihuda'aa marti ammoo Daawiti jaalatane.
1SA 18:17 Achiin duuba Saa'ol Daawitiin, «Kunoo, ani intala tiyya angafittii Meraab si'iif hin kenna. Atummaan ilma goota naaf te'iitii lola Mootii Waan Maraa loli» jedhe; Saa'ol gadhaa ifii keessatti, «Filisxeemoti isa ijjeettuu ti malee, ani isa hin ijjeesu» jedhee herregeeraayyu.
1SA 18:18 Daawiti ammoo Saa'oliin, «Soddaa mootichaa te'iisaaf ani eennu? Israa'el keessatti maatiin tiyya yookiin sanyiin abbaa kiyyaa tam?» jedhe.
1SA 18:19 Te'uu malee intalti Saa'olii Meraab Daawiti heerumiisaaf yennaa maltetti, nama biyya Meholaatii Adrii'el heerumte.
1SA 18:20 Intalti Saa'olii Milkaal garuu Daawiti jaalatte; Saa'olille tana dhage'e gammade.
1SA 18:21 Saa'ol gadhaa ifii keessatti, «Akka isiin tiyyoo isaaf teetee, innille harka Filisxeemotaatitti du'u, ani isii isaaf hin kenna» jedhee herrege. Tanaaf Saa'ol Daawitiin, «Kunoo, ati yennaa lammeesso'oo soddaa naaf hin teeta» jedhe
1SA 18:22 Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifii ajajee, «Daawitiin, ‹Kunoo, mootichi sitti gammadeera; tajaajiltooti isaalle martinuu waan si jaalatanuuf soddaa isaa te'i› jedha'aatii dhossa'aan itti hima'a» jedhe.
1SA 18:23 Maarre tajaajiltooti Saa'olii dubbii tana Daawititti himane; Daawitille, «Ani nami hiyyeessi, ka gurra dansaa hin qanne, Soddaa mootichaa te'iisi waan kasoo isinitti fakkaattee?» jedheen.
1SA 18:24 Tajaajiltooti Saa'oliille waan Daawiti jedhe yennaa isatti himane,
1SA 18:25 Saa'ol deebisee, « ‹Mootichi diinota ifii haluu bayiisaaf akka ati Filisxeemota dhibba tokko yakkattee shoggoraa isaanii fiddu malee, maraa intalaa waan dhibii si irraa hin barbaadu› jedha'aatii Daawititti hima'a» jedhe. Saa'ol akka Daawiti harka Filisxeemotaatitti du'uuf tana herrege.
1SA 18:26 Tajaajiltooti Saa'olii tana Daawititti yennaa himane, soddaa mootichaa te'iisi isa gammachiise. Guyyaan murteeffame adoo hin dabarin,
1SA 18:27 Daawitii fi namooti isa woliin jiranu dhaqanee Filisxeemota dhibba lama ijjeesane; Daawiti soddaa mootichaa te'iisaaf gogaa haqanqabaa qabee san akka laakkossa isaaniititti mootichaaf dhikeesse; achiin duuba Saa'ol intala ifii Mikaal Daawitiif kenne.
1SA 18:28 Garuu Saa'ol akka Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin jiru dhaggee yennaa beeke, intalti isaa Mikaalille akka isa jaalatte yennaa hubate,
1SA 18:29 Saa'ol ka qaraa caalaa Daawiti sodaatee, bara jireenna ifii mara diina isaa te'e.
1SA 18:30 Achiin duuba ajajjooti loltoota Filisxeemotaa akkuma qaraa lolaaf bayanee dhufane; Daawitille tajaajiltoota Saa'olii mara caalaa milkii dhaggatee maqaan isaa beekkame.
1SA 19:1 Daawiti akka ijjeesanuuf Saa'ol ilma ifii Yonaataanii fi tajaajiltoota ifii maratti hime; ilmi Saa'olii Yonaataan garuu guddoo Daawiti jaalataayyu.
1SA 19:2 Yonaataan, «Abbaan kiyya Saa'ol si ijjeesiisaaf barbaada. Tanaaf, boru ganama ifi eegadhu. Addee dhokaataa keessatti dhokadhuutii achuma turi!
1SA 19:3 Ani fichaa ati keessa jirtu abbaa kiyya bira dhaabbadhee marroo teeti isatti hin dubbadha. Waan te'u ilaalee sitti hin hima» jedhee Daawititti hime.
1SA 19:4 Yonaataan marroo Daawitii waan dansaa dubbatee abbaa ifii Saa'oliin, «Ee, mooti'i! Tajaajilaan keeti waan guddoo dansaa te'e si'iif huje malee, si hin yakkine; tanaaf isa hin yakkin.
1SA 19:5 Inni lubbuu ifiitiif adoo hin mararfatin Filisxeemicha san ijjeese; Mootiin Waan Maraalle injifachaa guddaa kolbaa Israa'elii maraaf kennee, atille dhaggitee gammadeerta. Maaf sababa malee nama yakkaa hin qanne Daawiti ijjeettee cubbuu hujja ree?» jedhe.
1SA 19:6 Saa'ol dubbii Yonaataanii caqasee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, Daawiti hin ijjeefamu!» jedhee kakate.
1SA 19:7 Maarre Yonaataan Daawiti waamee dubbii tana mara isatti himee gara Saa'olii isa geesse; Daawitille akkuma qaraa Saa'ol tajaajile.
1SA 19:8 Ammalle lolli dhibiin ka'e. Daawitille dhaqee Filisxeemota lolee, guddoo isaan fixee, isaanille isa duraa baqatane.
1SA 19:9 Achiin duuba Saa'ol eboo qabatee mana ifii adoo te'eeruu, Mootii Waan Maraa biraa ayyaanni hamaan isa irratti bu'e. Daawitille kiraara guddicha taphatiisatti jiraayyu.
1SA 19:10 Saa'ol dhaaba manaa woliin Daawiti qassiisiisaaf eboo ifii darbate; Daawiti garuu duraa waan miliqeef eboon dhaaba manaatitti sikkante. Daawitille galgala san baqatee miliqe.
1SA 19:11 Saa'ol mana Daawitii marsanee ganama akka isa ijjeesanuuf namoota erge; haati manaa ta Daawitii Mikaal ammoo, «Lubbuu teeti hamburatiisaaf edana yoo hin baqatin, boru hin ijjeefanta» jettee itti hinte.
1SA 19:12 Maarre Mikaal karaa fodda'aatiin Daawiti gad buuttee, innille baqatee miliqe.
1SA 19:13 Achiin duuba Mikaal fakkii waaqa dharaa fuutee taqee irra irkittee, mataa duraan boraatii rifeensa re'e'ee boraafachiittee woyaa itti uffitte.
1SA 19:14 Daawiti akka qabanuuf Saa'ol namoota yennaa erge, Mikaal, «Inni dhibameera» jette.
1SA 19:15 Achiin duuba Saa'ol namooti dhaqanee akka Daawiti ilaalanuuf ergeen, «Ani isa akka ijjeesuuf taqee isaa woliin isa gara kiyya fida'a» jedhe.
1SA 19:16 Namooti ergamane sun mana yennaa seenane, fakkiin waaqa dharaa taqee irra irkattee, boraatii rifeensa re'e'ee boraafatteertiiyyu.
1SA 19:17 Saa'ol Mikaaliin, «Ati maaf na soddee diinni kiyya miliqee akka deemu goote?» jedhe. Mikaalille, «Isattuu, ‹Yoo ati akka ani miliqu na hin qarqaarin ani si ijjeesa› naan jedhe» jettee deebitte.
1SA 19:18 Daawiti baqatee bayee Saamu'el bira gara Raama'aa dhaqee waan Saa'ol isa irratti huje mara isatti hime. Achiin duuba Saamu'elii fi Daawiti Naayot dhaqanee achi le'ane.
1SA 19:19 «Kunoo, Daawiti biyya Raama'aa, Naayot keessa jira» jedhanee Saa'olitti himane.
1SA 19:20 Maarre inni Daawiti akka qabanuuf namoota erge; te'uu malee isaan korri raagotaa tokko raaga dubbatanuun, Saamu'el isaan qajeelchuun yennaa dhaggane, Ayyaanni Waaqaa namoota Saa'ol erge san irratti bu'ee, isaanille raaga dubbatane.
1SA 19:21 Waan kana Saa'olitti yennaa himane, inni namoota dhibii erge; isaanille raaga dubbatane. Saa'ol ammalle yennaa sadeesso'oo namoota erge; isaanille raaga dubbatane.
1SA 19:22 Achiin duuba inni ifumaaf gara biyya Raama'aa dhaqee, baleessa bisaanii guddicha Seeku keessa jiru bira yennaa geye, «Saamu'elii fi Daawiti eessa jiran?» jedhee gaafate. Nami tokko, «Isaan biyya Raama'aa Naayot keessa jiran» jedhe.
1SA 19:23 Maarre Saa'ol achii gara biyya Raama'aa Naayot dhaqe. Ayyaanni Waaqaa isa irralle'etti bu'ee haga biyya Raama'aa Naayot gewutti raaga dubbataa deeme.
1SA 19:24 Inni woyaa ifii ifi irraa baafatee Saamu'el duratti raaga dubbatee, halkan sanii fi guyyaa san mara qullaa irkate. Tanaaf kolbaan, «Saa'olille raagota keessaa tokko te'ee ree?» jette.
1SA 20:1 Achiin duuba Daawiti Naayotii biyya Raama'aa keessaatii baqatee gara Yonaataanii dhaqee, «Ani maan si godhe? Yakkaan tiyya maan? Ani maan isa yakkinaan abbaan keeti na ijjeesiisaaf barbaada?» jedhee gaafate.
1SA 20:2 Yonaataan deebisee, «Tun hin teetu! Ati hin duutu. Kunoo abbaan kiyya waan guddoo yookiin waan diqqoolle teetu qara adoo natti hin himin waan tokkolle hin huju; abbaan kiyya tana maaf na dhossa ree? Dubbiin akkasii moti!» jedhe.
1SA 20:3 Daawiti ammoo, «Akka ani si duratti fudhatama dhaggadhe abbaan keeti hin beeka; inni gadhaa ifii keessatti, ‹Yonaataan akka hin gaddine dubbii tana hin beekin› jedheera; dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'eetii fi lubbuu teeti jiraattu'uun kakadhaa, ani du'iisaaf dhikaadheera» jedhee kakate.
1SA 20:4 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Waan ati jettu mara ani si'iif hin godha» jedhe.
1SA 20:5 Maarre Daawiti Yonaataaniin, «Kunoo, boru jila baatii ji'aa waan teeteef, ani silaa mooticha woliin irbaata nyaatiisa qabaayyu; ammoo haga ittaan galgalaatitti diida keessatti akka dhokadhu naaf eeyyami.
1SA 20:6 Abbaan keeti yoo na barbaade, ‹Fira isaa maraaf ciincaan wogga'aa waan dhikaatuuf, Daawiti gara qachaa ifii Betlihem dhaqiisaaf guddoo na gaafateera› jedhii itti himi.
1SA 20:7 Innille, ‹Dansa'a!› yoo jedhe, ana tajaajilaa keetiif nageenni hin te'a; inni yoo aare ammoo akka inni hantuu na irratti yaadate beeki.
1SA 20:8 Tanaaf ati Mootii Waan Maraa duratti ana tajaajilaa keeti woliin gondooroo waan gondooratteef, waan dansaa naaf godhi. Ani yakkaa yoo qabaadhe ammoo atinuu na ijjeesi malee maaf gara abbaa keetii na geessita ree?» jedhe.
1SA 20:9 Yonaataanille, «Tun hin teetu! Abbaan kiyya hantuu akka si irratti yaadate adoo beekee jiraadhee, ani sitti hin himuuyyuu ree?» jedhe.
1SA 20:10 Achiin duuba Daawiti Yonaataaniin, «Abbaan keeti aari'iin yoo deebii sii kenne, eentu natti hima?» jedhe.
1SA 20:11 Yonaataanille Daawitiin, «Koy, gara diidaa gad baanaa» jedhee, isaan lamaanuu gara diidaa gad bayane.
1SA 20:12 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii dhugaa bayaa te'uu ti; boru haga yennaa tanaa abbaa kiyya qorqoree ittaan sitti ergee, yoo inni yaada dansaa si'iif qabaate sitti hin beessisa.
1SA 20:13 Garuu abbaan kiyya hantuu si irratti yaadateeruun, ani tana sitti himee akka ati nageyaan deentu yoo hin godhin Mootiin Waan Maraa na ijjeesuu ti! Mootiin Waan Maraa akkuma abbaa kiyya woliin jiraate si wolille'een jiraatuu ti.
1SA 20:14 Atille haga ani lubbu'uun jiru akka ani hin duuneef jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa naaf mudhisi.
1SA 20:15 Mootiin Waan Maraa diinota Daawitii mara lafa irraa yennaa balleesselle jaalala bara baraa ka maatii tiyyaaf qaddu hin lakkisin» jedhe.
1SA 20:16 Maarre Yonaataan, «Diinota Daawitii irratti Mootiin Waan Maraa muraa kennuu ti» jedhee sanyii Daawitii woliin gondooroo godhate.
1SA 20:17 Yonaataan akka ifi jaalatu Daawiti waan jaalatuuf, Daawiti ammalle akka isaaf kakatu godhe.
1SA 20:18 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Boru jila baatii ji'aa ti; barcumaan keeti duwwaa waan te'uuf ati akka hin jirre hin beekkanta.
1SA 20:19 Ati ittaan galgala guyyaa rakkoon tun teete addee itti dhokatte ariifadhuu dhaqqiitii dhakaa, ‹Ezel› jedhamu bira turi.
1SA 20:20 Ani akka nama daaya woyyittii darbatuu, daaya sad gara cinaa dhaka'aa hin darbadha.
1SA 20:21 Achiin duuba ani, ‹Dhaqiitii daaya san fidi!› jedhee mucaa dargaggeessa tokko hin erga; ani mucaa dargageessa saniin, ‹Kunoo, daayi si'iin garana jira, fuudhii fidi› yoo jedhe, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, nageya malee rakkoon takkaalle waan hin jirreef koy.
1SA 20:22 Garuu ani mucaa dargageessa saniin, ‹Kunoo arfiin daayaa si irraa fagoo jirti› yoo jedhe, akka ati deentu fedhii Mootii Waan Maraa waan te'eef, ati deemi.
1SA 20:23 Waan anii fi ati woliin dubbanneefille Mootiin Waan Maraa wodhakkaa tiyyaa fi teetitti haga bara baraa dhugaa bayaa keenna» jedhe.
1SA 20:24 Maarre Daawiti diida keessa dhokate; jilti baatii ji'aa yennaa geette mootichi sagalee qophootte nyaatiisaaf tee'e.
1SA 20:25 Mootichi akkuma qaraa cinaa dhaaba manaa tee'e; Yonaataan fuullee isaa, Abneerille cinaa Saa'ol tee'ane; barcumaan Daawitii ammoo duwwaa hafe.
1SA 20:26 Saa'ol, «Daawiti woy te'eera. Inni qulqullu'uu moti; dhugumaan inni qulqullu'uu moti» jedhee waan herregeeruuf, guyyaa san waan tokkolle hin dubbanne.
1SA 20:27 Jila baatii ji'aatiin duuba, guyyaa itti aanu, guyyaa lammeesso'oolle, barcumaan Daawitii duwwaa waan te'eef, Saa'ol ilma ifii Yonaataaniin, «Ilmi Iseyii kaleelle, adhalle maaf nyaata irratti hin dhaggamin?» jedhe.
1SA 20:28 Yonaataanille deebisee, «Daawiti gara Betlihemii dhaqiisaaf guddoo na gaafateera.
1SA 20:29 Inni, ‹Firri keenna qachaa keessatti ciincaa waan dhikeessanuuf, akka ani achitti dhaggamu obboleessi kiyya na ajajeera; ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, obboleeyyan tiyya dhaggiisaaf deema› jedhee guddoo na gaafateeraayyu; sababa kanaaf inni jila tana irratti adoo hin dhaggamin hafe» jedhe.
1SA 20:30 Achiin duuba Saa'ol Yonaataanitti aaree bobe'ee, «Ati ilma dubartii dabaalettii finqiltu'uu, ati ifii fi hadhaa si deette salphisiisaaf, ilma Iseyii akka ati filatte ani hin beeku seetaa?
1SA 20:31 Ilmi Iseyii lafa irra haga lubbu'uun jiru, atii fi mootummaan teetille jabaattanee hin dhaabbatanu. Inni dhugumaan du'iisa waan qabuuf, nama itti ergiitii gara kiyya akka fidanu godhi!» jedhe.
1SA 20:32 Achiin duuba Yonaataan deebisee, abbaa ifii Saa'oliin, «Inni maaf ijjeefama? Inni maan godheera?» jedhee, abbaa ifii gaafate.
1SA 20:33 Saa'ol ammoo Yonaataan ijjeesiisaaf eboo ifii itti darbate. Maarre Yonaataan abbaan isaa Daawiti ijjeesiisaaf akka murteeffate beeke.
1SA 20:34 Yonaataan aarii guddo'oon nyaata irraa ka'e. Abbaan isaa Daawiti waan salphiseef, inni Daawitiif gaddee, sagalee jila baatii ji'aa ta guyyaa lammeesso'oo san hin nyaanne.
1SA 20:35 Boruyyaa ganama Yonaataan mucaa dargaggeessa tokko fudhatee, Daawiti dhaggiisaaf gara addee Daawiti woliin woldeennaa qabate san dhaqee,
1SA 20:36 mucaa dargaggeessa saniin, «Me, fiigiitii daaya ani darbadhu kana barbaadi» jedhe; akkuma mucaan fiigeen, daaya tokkocha isa irra dabarsee darbate.
1SA 20:37 Yennaa mucaan addee daayi Yonaataan darbate bu'e san geye, Yonaataan isa waamee, «Daayi si irraa achi fagoo jiraa motii?» jedheen.
1SA 20:38 Yonaataan, «Achi hin dhaabbatin! Ariifadhu!» jedhee itti iyye; mucaalle daaya san fuudhee gara goottaa ifii deebi'e.
1SA 20:39 Yonaataanii fi Daawiti malee, marroo waan kanaa mucaan sun waan tokkolle hin beeku.
1SA 20:40 Achiin duuba Yonaataan meya woraanaa muca'atti kennee, «Qabadhuu gara qacha'aa deebi'i» jedhe.
1SA 20:41 Mucaan deemeen duuba, Daawiti dhakaa biratti dhokateeru san gara kibbaatii ol ka'ee, yennaa sad fuulaan lafatti gad gombifamee sagade; achiin duuba wol sunqatanee bowane; Daawiti garuu Yonaataan caalaa bowe.
1SA 20:42 Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Nuuti, ‹Si'ii fi ana, sanyii teetii fi sanyii tiyya wodhakka'atti Mootiin Waan Maraa haga bara baraa dhugaa bayaa keenna› jennee maqaa isaatiin waan kakanneef, nageyaan deemi» jedhe. Achiin duuba Daawiti ka'ee deemee, Yonaataanille gara qacha'aa deebi'e.
1SA 21:1 Daawiti gara qachaa Nobii addee hayyichi Ahiimelek jiru deeme. Hayyichi Ahiimelekille hollataa Daawiti qophatiisaaf gad itti bayee, «Nami tokkolle si gula hin jiruu? Ati maaf qofuu deenta?» jedheen.
1SA 21:2 Daawiti deebisee Ahiimelekii hayyichaan, «Mootichi, ‹Marroo waan ani si ergeetii fi si ajajee kana nami tokkolle hin beekin› jedhee na ajajeera; namoota kiyya woliin eessatti akka wol woldeennu isaanitti himeera.
1SA 21:3 Ati amma sagalee maan ifi biraa qadda? Xaltaa daabbo'oo shan yookiin waanuma dhaggame naaf kenni» jedhe.
1SA 21:4 Hayyichi ammoo deebisee Daawitiin, «Ani daabboo nami marti nyaatu hin qabu; namooti keeti dubartii bira geyiisa irraa yoo ifi eegatanee jiraatane ammoo daabboon woyyittiin hin jirti» jedhe.
1SA 21:5 Daawitille deebisee, «Akkuma qara baratame haga baaneen jalqannee nuuti dubartoota bira geyiisa irraa ifi eeganneerra; yennaa ergaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti woyyuu hin te'in ergannuuyyuu dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eegannaayyu; adha fa'a irra caalaa attam dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eeganne ree?» jedhe.
1SA 21:6 Maarre daabboo Waaqa dura dhikaattu ta Mootii Waan Maraa duraa fuudhanee daabboo o'itu'uun bakka buusane san malee ta dhibiin waan hin jirreef, hayyichi xaltaa daabboo woyyitti'ii san fuudhee Daawitiif kenne.
1SA 21:7 Gaafa san tajaajiltoota Saa'olii keessaa ajajaan tissitootaa, nami biyya Edoomii Do'eeg fuula Mootii Waan Maraa dura akka turu godhamee achi jiraayyu.
1SA 21:8 Daawiti, «Haajaan mootichaa ariifachiisaa waan te'eef, ani shallaagaa yookiin meya lolaa kiyya hin fidanne; ati shallaagaa yookiin eboo ifi biraa hin qadduu?» jedhee Ahiimelek gaafate.
1SA 21:9 Hayyichille deebisee, «Shallaagaan Goliyaadii filisxeemichaa, ka ati dhooqa Elaa keessatti ijjeettee, kunoo woya'aan maramee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin duuba jira; isa san malee ka dhibiin as waan hin jirreef, yoo barbaadde isuma fudhadhu» jedhe. Daawitille, «Shallaagaan akkasii waan hin jirreef, isuma san naaf kenni» jedhe.
1SA 21:10 Daawiti gaafuma san Saa'ol duraa baqatee, gara mootii Gaatii gara Akiishii dhaqe.
1SA 21:11 Tajaajiltooti Akiishii ammoo isaan, «Mootiin biyyaa Daawiti isa kanaa motii? Ka worri sirbu, ‹Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawiti ammoo kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhanee sirbaneef isa kanaa motii?» jedhane.
1SA 21:12 Daawitille dubbii tana gadha'atti qabatee, mootii Gaatii Akiishi guddoo sodaate.
1SA 21:13 Maarre inni isaan duratti akka nama qalbii tuqamee te'e; yennaa isa qabanelle balbala karraa irratti tattaraaraa, gorora ifii areeda irra yaasaa akka nama maraatee te'e.
1SA 21:14 Achiin duuba Akiishi tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, nami kun maraata'a; maaf gara kiyya fiddanne?
1SA 21:15 Ani maraataa dhabee jennaan, akka inni na duratti maraatuuf, nama kana gara kiyya fiddanee? Nami akkanaa mana kiyya dhufuu qabaa?» jedhe.
1SA 22:1 Daawiti qachaa Gaatiitii bayee gara goda qachaa «Adulaam» jedhamu bira jiruutitti baqate; obboleeyyan isaatii fi maatiin abbaa isaa marti tana dhage'anee achi gara isaa dhaqane.
1SA 22:2 Worri rakkate marti, worri liqaan irra jiruu fi worri jireenni itti hammaateeru marti namooti gara dhibba afurii isa biratti wolitti qabamane; inni ajajaa isaanii te'e.
1SA 22:3 Daawiti achii ka'ee gara qachaa Miispha'aa ka biyya Mo'aabii keessaa dhaqee, mootii Mo'aabiitiin, «Maganne'e, waan Waaqi naaf godhu haga beekutti, abbaan kiyyaa fi haati tiyya si bira turanuu ti» jedhe.
1SA 22:4 Maarre inni mootii Mo'aabii biratti isaan lakkisee, isaanille haga Daawiti kushee jadduu keessa dhokatee ture san mara mooticha san bira turane.
1SA 22:5 Achiin duuba Gaadiin raagichi Daawitiin, «Kushee jadduu tana keessa hin turin; ka'iitii gara biyya Yihuda'aa deemi!» jedhe. Maarre Daawiti achii ka'ee gara gongomaa Kaaretii dhaqe.
1SA 22:6 Saa'ol gaafa tokko Daawitii fi namooti isa woliin jiranu akka mudhatane dhage'e. Saa'ol eboo ifii qabatee qachaa Giibe'aa keessa kooba irra muka «Tamariiski» jedhamu tokko jala tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa marti adaala isaa dhaabbataneeraniiyyu.
1SA 22:7 Saa'ol tajaajiltoota ifii worra isa bira dhaabbateeruun, «Isin worri Beniyaaminii Dhage'a'a; ilmi Iseyii ficha'aa fi addee muka woyni'ii itti dhaabbatanu isin maraaf hin kennaa ree? Inni ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa isin mara hin godhataa ree?
1SA 22:8 Isin marti tanaaf na irratti mala dhoottanii ree? Ilmi kiyya ilma Iseyii woliin yennaa gondooratu nami tokkolle natti hin hinne. Akkuma adhaa ilmi kiyya yennaa tajaajilaa kiyya na irratti kaasee akka inni riphee na eeggatu yennaa godhe, isin keessaa nami tokkolle marroo tiyyaaf quuqamee natti hin hinne» jedhe.
1SA 22:9 Achiin duuba nami qachaa Edoomii Do'eeg, ka tajaajiltoota Saa'olii woliin dhaabbateeru deebisee, «Ilmi Iseyii gara qachaa Nobii, ilma Ahiixubii Ahiimelek bira dhufuun dhaggeera;
1SA 22:10 Ahiimelekille marroo isaa Mootii Waan Maraa gaafatee, gala'aa fi shallaagaa Goliyaadii Filisxeemichaalle isaaf kenne» jedhe.
1SA 22:11 Achiin duuba mootichi nama ergee, Ahiimelekii hayyicha ilma Ahiixubii, maatii abbaa ifii maraa fi worra Nob keessatti hayyoota te'ane mara waansisee, isaan marti gara mootichaa dhufane.
1SA 22:12 Yennaa san Saa'ol, «Ee, ilma Ahiixubii amma dhage'i!» jedhe. Innille deebisee, «Kunoo, ani as jira, goottaa kiyya!» jedheen.
1SA 22:13 Saa'olille isaan, «Akkuma adha godhu kana, ilmi Iseyii na irratti ka'ee akka na gaadu, daabbo'oo fi shallaagaa isaaf kennitee, marroo isaatiif Mootii Waan Maraa gaafatiisaan, isa woliin maaf na irratti mala dhoottane?» jedhe.
1SA 22:14 Ahiimelek deebisee mootichaan, «Soddaan mootichaa, ajajaa eeddota teetii te'ee mana keeti keessatti ka ulfinna qabu, tajaajiltoota teeti mara keessaa akka Daawitii ka addatame eennu?
1SA 22:15 Ani marroo isaatiif Mootii Waan Maraa gaafatiisa adha jalqabee ree? Waawwo'o! Ani tajaajilaan keeti marroo waan kanaa guddisee yookiin diqqeesseelle waan tokkolle waan hin beenneef, tajaajilaa keetii yookiin maatii abbaa kiyyaa mara hin komatin» jedhe.
1SA 22:16 Mootichi ammoo, «Ahiimelek! Atii fi maatiin abbaa keetii martinuu dhugumaan hin duutan» jedhe.
1SA 22:17 Achiin duuba mootichi eeddota adaala isaa dhaabbataneeranuun, «Hayyooti Mootii Waan Maraa tun marti Daawitiif golanee, baqatiisa isaa adoo beekanuu natti himuu waan didaneef, itti garagala'aatii isaan ijjeesa'a» jedhe. Tajaajiltooti mootichaa ammoo harka ifiitiin hayyoota Mootii Waan Maraa ijjeesiisaaf hin barbaanne.
1SA 22:18 Achiin duuba mootichi Do'eegiin, «Ati hayyoota tana ijjeesi» jedhe. Maarre Do'eeg nami qachaa Edoomii, itti garagalee, guyyaa san hayyoota saddeettamii shan ta woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffataneeranu ijjeese.
1SA 22:19 Qachaa hayyootaa Nobitti duulchisee, dhiiraa fi dubartii, ijoolle'ee fi annoolee, qotiyyoo, harre'ee fi hoolee mara shallaaga'aan ijjeese.
1SA 22:20 Akaakoon Ahiixubii ilmi Ahiimelekii Abiyaataar ammoo miliqee bayee gara Daawitii baqatee,
1SA 22:21 Saa'ol hayyoota Mootii Waan Maraa akka ijjeese Daawititti hime.
1SA 22:22 Daawitille Abiyaataariin, «Ani nama qachaa Edoomii Do'eeg yennaa achitti dhagge, akka inni dhugumaan waan mara Saa'olitti himu gaafasuma beeke. Maarre ijjeefamiisa maatii abbaa keetii maraaf ka itti gaafatamu ana.
1SA 22:23 Nami si ijjeesiisaaf barbaade, nama na ijjeesiisaaf barbaade waan te'eef, ati na woliin turi; hin sodaatin. Ati na woliin nageyaan leeta» jedhe.
1SA 23:1 «Kunoo, Filisxeemoti qachaa Qeyilaa lolanee, midhaan eeddummee keessaa saamiisatti jiran» jedhanee Daawititti himane.
1SA 23:2 Tanaaf Daawiti, «Dhaqee Filisxeemota tana loluu?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. Mootii Waan Maraalle deebisee isaan, «Dhaqii Filisxeemota loliitii qachaa Qeyilaa isaan harkaa baasi» jedhe
1SA 23:3 Namooti Daawitii ammoo, «Kunoo, as Yihudaa keessattuu nuuti hin sodaanna; qachaa Qeyilaa dhandhee attam isaan loliisaaf dandeenna ree?» isaan jedhane.
1SA 23:4 Achiin duuba Daawiti ammalle Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ani Filisxeemota harka keetitti dabarsee waan kennuuf ka'iitii gara qachaa Qeyilaa dhaqi!» isaan jedhe.
1SA 23:5 Maarre Daawitii fi namooti isaa gara qachaa Qeyilaa dhaqanee, Filisxeemota lolanee horii isaanii booji'anee, isaan keessaa nama bacaa ijjeesane. Maarre Daawiti kolbaa qachaa Qeyilaa badii irraa hambure.
1SA 23:6 Ilmi Ahiimelekii Abiyaataar qachaa Qeyilaatitti gara Daawitii yennaa baqate, woyaa hayyumma'aa ta qomaa fudhatee dhaqe.
1SA 23:7 Daawiti gara qachaa Qeyilaa akka dhufe Saa'olitti himane. Saa'olille, «Daawiti qachaa karraa fi danqaraa karraa qabu seenee waan ifitti cufateef, Waaqi isa harka kiyyatti dabarsee kenneera» jedhe.
1SA 23:8 Maarre Saa'ol gara qachaa Qeyilaa dhaqee Daawitii fi namoota isaa marsee qabiisaaf loltoota ifii mara waame.
1SA 23:9 Daawitille akka Saa'ol isa irratti hantuu yaadate beekee, Abiyaataarii hayyichaan, «Woyaa hayyumma'aa ta qomaa as naa fidi!» jedhe.
1SA 23:10 Achiin duuba Daawiti, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, Saa'ol gara qachaa Qeyilaa dhufee sababa kiyyaaf qachaa balleessiisaaf akka barbaadu dhugumaan ani tajaajilaan keeti dhage'eera.
1SA 23:11 Namooti qachaa Qeyilaa harka isaatitti dabarsanee na hin kennanii? Akkuma ani dhage'e Saa'ol dhugumaan as hin dhufaa? Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ana tajaajilaa keetitti himi!» jedhe. Mootii Waan Maraalle deebisee, «Inni hin dhufa» jedhe.
1SA 23:12 Daawiti ammalle, «Namooti qachaa Qeyilaa anaa fi namoota kiyya Saa'olitti dabarsanee hin kennanii ree?» jedhee gaafate. Mootii Waan Maraalle deebisee, «Eeti'i, isaan dabarsanee isin hin kennan» jedheen.
1SA 23:13 Maarre Daawitii fi namooti isaa ka gara dhibba jaa qachaa Qeyilaatii ka'anee addee dhaqiisaaf barbaadane mara dhaqane. Daawiti qachaa Qeyilaatii akka miliqe Saa'olitti yennaa himane, inni achi dhaqiisa lakkise.
1SA 23:14 Daawiti kushee hedduu jadduu goomolee keessaa ta koobota goomolee Ziifii keessa ture. Saa'ol guyyaa mara Daawiti barbaadaayyu; Waaqi ammoo Daawiti harka isaatitti dabarsee hin kennine.
1SA 23:15 Daawiti goomolee Ziifii, Horesh keessa adoo jiruu Saa'ol isa ijjeesiisaaf akka dhufe dhagge.
1SA 23:16 Ilmi Saa'olii Yonaataan addee Daawiti jiru gara Horeshii dhaqee, maqaa Waaqaatiin isa jajjabeesse.
1SA 23:17 Yonaataan Daawitiin, «Hin sodaatin! Abbaan kiyya Saa'ol ijjumaa si hin dhaggu. Ati Israa'el irratti mootii hin teeta, anille sitti hin aana. Abbaan kiyya Saa'olinuu tana hin beeka» jedhe.
1SA 23:18 Isaan lamaanuu Mootii Waan Maraa duratti gondooroo godhatane. Achiin duuba Yonaataan gara manaa ifii deemee, Daawiti ammoo Horesh keessatti hafe.
1SA 23:19 Namooti Ziifii gara Giibe'aa Saa'ol bira dhaqanee, «Kunoo, Daawiti kushee hedduu jadduu Horesh keessaa, kooba Haqiilaa ta lafa goomolee irraa gara kibbaa jiranu, odduu teennatti dhokateeraa motii?
1SA 23:20 Ee mooti'i, ati yennaa feete koy! Nuuti isa qannee dabarsinee sitti hin kennina» jedhaneen.
1SA 23:21 Saa'ol deebisee, «Isin marroo naaf yaadattaneef Mootiin Waan Maraa isin eebbisu.
1SA 23:22 Inni nama maltee akka te'e ani waan dhage'eeruuf, isin dhaqa'aa qorqora'aatii inni yennaa hedduu eessa akka turuu fi nama isa achitti isa dhaggelle adda baasa'aa beeka'a.
1SA 23:23 Addee inni itti dhokatu mara hubadha'aatii oduu mirkana teete fida'aatii gara kiyya deebi'a'a. Achiin duuba ani isin woliin dhaqee, inni biyya keessa yoo jiraate, ani lafa Yihuda'aa mara keessa isa hin barbaada» jedhe.
1SA 23:24 Maarre namooti ka'anee adoo Saa'ol hin deemin dursanee Ziif dhaqane. Yennaa tana Daawitii fi namooti isaa biyya Arabaayii ta lafa goomole'ee irraa gara kibbaa jirtu goomolee Mo'aa keessa jiraniiyyu.
1SA 23:25 Saa'oliif fi namooti isaa Daawiti barbaadiisaaf dhaqane. Daawitille tana yennaa dhage'e gara rassa'aa dhaqee goomolee keessa Maa'on le'e. Saa'ol tana yennaa dhage'e, goomolee maa'onii keessa Daawiti ari'e.
1SA 23:26 Saa'ol cinaa gaaraa gara tokkoon yennaa ari'u, Daawitii fi namooti isaalle gara kaaniin Saa'ol duraa baqatiisaaf ariifatan. Saa'olii fi loltooti isaa Daawitii fi namoota isaa marsanee qabiisaaf itti dhikaatanee adoo jiranuu,
1SA 23:27 nami tokko gara Saa'olii ergamee dhufee, «Filisxeemoti lafa qabatiisatti waan jirtuuf, ariifadhuu koy!» jedhe.
1SA 23:28 Achiin duuba Saa'ol Daawiti ari'iisa lakkisee Filisxeemota loliisaaf deeme. Tanaaf addeen sun, «Rassaa itti gargar deebi'ane» jedhanee moggaasane.
1SA 23:29 Daawitille addee sanii ol bayee kushee jadduu, «En-Gedi» jedhantu keessa le'e.
1SA 24:1 Saa'ol Filisxeemota ari'iisa irraa yennaa deebi'e, «Kunoo, Daawiti goomolee En-Gedii keessa jira» jedhanee itti himane.
1SA 24:2 Maarre Saa'ol Israa'eloota mara keessaa namoota filamane kuma sad fudhatee, Daawitii fi namoota isaa barbaadiisaaf gara addee, «Rassaa re'ee diidaa» jedhamuu dhaqe.
1SA 24:3 Saa'ol gara gooree hoole'ee ta karaa qarqara jirtuu takka dhufee, achitti goda takka dhaggee faalowiisaaf keessa seene. Daawitii fi namooti isaalle goda san gara keessaatiin keessa tee'aneeraniiyyu.
1SA 24:4 Namooti Daawitiille, «Guyyaan Mootiin Waan Maraa, ‹Diinota keeti waan feete akka gootuuf harka keetitti dabarsee hin kenna› jedhee dubbate kunoo adha!» isaan jedhane. Achiin duuba Daawiti dhokatee dhaqee handaara woyaa Saa'olii irraa mure.
1SA 24:5 Daawiti handaara woyaa Saa'olii waan mureef gadde.
1SA 24:6 Inni namoota ifiitiin, «Nama Mootiin Waan Maraa muude waan te'eef, goottaa kiyya nama Mootiin Waan Maraa muude irratti waan akkanaa godhiisaaf, harka kiyyaan waan hantuu isa irratti hujiisa irraa Mootiin Waan Maraa na eegu» jedhe.
1SA 24:7 Maarre Daawiti jecha kanaan namoota ifii xixee, akka isaan Saa'ol hin lolle dhoogge. Saa'olille goda keessaa bayee deeme.
1SA 24:8 Isa duubaan Daawiti goda keessaa bayee, «Goottaa kiyya Mooticha!» jedhee Saa'ol waame. Yennaa Saa'ol ifi duuba ilaalu, Daawiti fuulaan lafatti gad gombifamee isaaf sagade.
1SA 24:9 Daawiti Saa'oliin, «Jecha namooti, ‹Daawiti si miidhiisaaf barbaada› jedhanu maaf caqatta?
1SA 24:10 Guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa goda keessatti harka kiyyatti dabarsee akka si kenne atinuu ila teetiin dhaggiteerta. Namooti gariin akka ani si ijjeesuuf na tirtirsanee, ani ammoo, ‹Inni nama Mootiin Waan Maraa muude waan te'eef, ani harka kiyyaan goottaa kiyya irratti waan hantuu hin huju› jedhee si'iif marare.
1SA 24:11 Kunoo, Abbaa kiyya, handaara woyaa teetii harka kiyya irratti ilaali! Ani handaara woyaa teetii irraa mure malee si hin ijjeenne. Ani hammeenna yookiin yakkaa akka hin qanne beeki. Ati lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaaddulle, ani si irratti cubbuu hin hunye.
1SA 24:12 Mootiin Waan Maraa anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Ati na irratti hammeenna waan hujjeef, Mootiin Waan Maraa haluu si naaf bayuu malee, harki kiyya waan hantuu si irratti hin huju.
1SA 24:13 Worri durii, ‹Hammeenni worra hamaa irraa dhufa› jedhan. Harki kiyya ammoo waan hantuu si irratti hin huju.
1SA 24:14 Mootiin Israa'elii eennu loliisaaf dhufe? Ati eennu ariita? Saree duute moo taffii ariita?
1SA 24:15 Mootiin Waan Maraa abbaa mura'aa te'ee anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Inni haajaa kiyya ilaalee naaf falmatee, harka keeti jalaa na baasee, dhugaa tiyya naaf mudhisuu ti» jedhe.
1SA 24:16 Daawiti akkuma tana dubbatee fixateen, Saa'ol, «Ilma kiyya Daawiti, tun qoonquma teetii?» jedhee gaafatee qoonqoo ifii ol-qabatee bowe.
1SA 24:17 Inni Daawitiin, «Ani waan hantuu si irratti hunyaan ati ammoo waan dansaa naaf waan gooteef, ati na caalaa balcha'a!
1SA 24:18 Ati attam waan dansaa akka naaf goote adha natti mudhitteerta; Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee na kenneeruun, ati ammoo na hin ijjeenne.
1SA 24:19 Nami diina ifii yennaa dhagge, akka inni nageyaan deemu hin lakkisaa ree? Maarre waan dansaa adha ati naaf gooteef, Mootiin Waan Maraa waan dansaa si'iif godhu.
1SA 24:20 Kunoo, ati dhugumaan mootii akka teetuu fi mootummaan Israa'elii harka keetitti jabaattee akka dhaabbattu ani hin beeka.
1SA 24:21 Ati naan duuba sanyii tiyya akka hin balleessine, maqaa kiyyalle maatii abbaa kiyyaa keessaa haxoottee akka hin balleessine amma maqaa Mootii Waan Maraatiin naaf kakadhu» jedhe.
1SA 24:22 Maarre Daawiti tana Saa'oliif kakate. Achiin duuba Saa'ol gara mana ifii deeme; Daawitii fi namooti isaa ammoo gara kushee jadduu ifii deemane.
1SA 25:1 Saamu'el du'e. Israa'elooti marti wolitti qabamanee bowanee, mana isaa ka Raamaa keessa jiru keessatti isa awwaalane. Achiin duuba Daawiti ka'ee gara goomolee Phaaraanii gad dhaqe.
1SA 25:2 Biyya Maa'onii qachaa Qarmelosii keessa namichi dureessi karra guddoo qabu tokko jiraayyu. Inni hoolota kuma sadii fi re'oota kuma tokko qabaayyu. Inni Qarmelos keessatti rifeensa hoolota irraa quxataayyu.
1SA 25:3 Maqaan isaa Naabaal; maqaan haadha manaa isaalle Abigaayil. Isiin dubartii qalbittii shaggitti'i; abbaan manaa isi'ii ammoo nama gadhi-laafummaa hin qanne ka waan hantuu huju; inni sanyii Kaalebii ti.
1SA 25:4 Daawiti goomolee keessa adoo jiruu, Naabaal hoolee ifii irraa rifeensa quxatiisatti akka jiru dhage'e.
1SA 25:5 Maarre Daawiti dargaggoota kudhan ergee, «Gara Qarmelosii Naabaal bira dhaqa'aatii maqaa kiyyaan nageya isa fuudha'a.
1SA 25:6 ‹Bara dheeraa le'i! Nageenni si'iif te'u! Nageenni mana keetii fi waan ati qaddu maraaf te'u!
1SA 25:7 Ati rifeensa hoolota teetii akka quxiisatti jirtu dhage'eera; tissitooti teeti yennaa nu woliin jiranu, nuuti isaan hin miine; isaan bara Qarmelos keessa jiranu mara wonni tokkolle isaan duraan hin banne.
1SA 25:8 Tajaajiltoota teeti gaafadhu, isaan sitti hin himan. Tanaaf nuuti guyyaa jilaa waan dhunneef, dargaggooti tiyya tun si duratti fudhatama dhaggatuu ti. Maganne'e tajaajiltoota teetii fi ilma keeti Daawitiif waanuma qaddu kenni› jedha'aan» jedhe.
1SA 25:9 Dargaggooti Daawitii yennaa achi geyane, maqaa Daawitiitiin ergaa tana Naabaalitti himanee, deebii eeggatane
1SA 25:10 Naabaalille deebisee tajaajiltoota Daawitiitiin, «Daawitiin kun eennu inni? Ilmi Iseyii kun eennu inni? Bara kana tajaajiltooti bacaan goottota ifii jalaa badiisatti jiran.
1SA 25:11 Ani daabbo'oo fi bisaan, foon worra rifeensa hoolee tiyya irraa quxanuuf qopheesse, namoota addee isaan dhufaneen hin beenneef maaf kenna ree?» jedhe.
1SA 25:12 Maarre dargaggooti Daawitii duubatti deebi'anee waan Naabaal jedhe mara Daawititti himane.
1SA 25:13 Daawiti dargaggoota ifiitiin, «Isin martinuu shallaagaa keessan hidhadha'a» jedhe. Maarre isaan martinuu shallaagaa ifii hidhatane. Daawitille shallaagaa ifii hidhate. Namooti gara dhibba afurii Daawiti woliin ol bayanee, namooti gara dhibba lamaa meya eegiisaaf hafane.
1SA 25:14 Dargaggoota san keessaa tokkochi Abigaayil, haadha manaa Naabaaliitiin, «Daawiti goomolee keessaa namoota ergee, goottaa keenna nageya gaafateeraayyu; goottaan keenna ammoo isaan arrasse.
1SA 25:15 Silaa namooti kun nu'uuf worra dansa'a; isaan nu hin miine; bara isaan woliin diida keessa jirru mara wonni tokkolle nu duraa hin banne.
1SA 25:16 Bara nuuti hoolota teenna tiffataa isaan woliin turre mara halkanii fi guyyaa isaan adaala keennatti akka dalleyaa nu'uuf te'ane.
1SA 25:17 Tanaaf amma goottaa keennaa fi maatii isaa mara irratti miidhaan dhufiisatti waan jirtuuf, ati tana beekiitii waan godhiisaaf malte godhi. Inni nama yabaabulaa waan te'eef, nami tokkolle isatti dubbatiisa hin dande'u» jedhe.
1SA 25:18 Abigaayil ariiti'iin daabboo xaltaa dhibba lama, daadhii woyni'ii qalqalluu lama, hoolota qalantee qopheeffante shan, akum'ee midhaanii gara kiiloogiraama kudhanii torbaa, midhaan woyni'ii gogaa cum'aa dhibba tokkoo fi midhaan harru'uu gogaa xaltaa dhibba lama wolitti qaddee harreele'etti feete.
1SA 25:19 Achiin duuba tajaajiltoota ifiitiin, «Ani isin gula hin dhufa; isin naan dura deema'a!» jette. Garuu abbaa manaa ifii Naabaalitti hin hinne.
1SA 25:20 Isiin harree irra teettee gaaratti gollattee gad bu'iisatti adoo jirtuu, Daawitii fi namooti isaa gara isi'ii gad itti dhufane; isiille isaan dhaggite.
1SA 25:21 Daawitille, «Ani goomolee keessatti qabeenni namicha kanaa akka hin banne toluma isaaf eegee? Ani isa irraa waan tokkolle hin fudhanne. Inni ammoo waan dansaa ani isaaf huje waan hantuu naaf deebise.
1SA 25:22 Boru ganama waan isaa mara keessaa dhiira tokkolle yoo ani hambure, Waaqi na ijjeesuu ti» jedhe.
1SA 25:23 Abigaayil yennaa Daawiti dhaggite ariiti'iin harree irraa gad baatee, Daawiti duratti fuulaan lafatti gad gombifante.
1SA 25:24 Miila isaatitti jiddee, «Ee, goottaa kiyya, yakkaan tun na irratti teetuu ti; maganne'e, ani tajaajiltuun teeti sitti himadha, waan ani tajaajiltuun teeti sitti himadhu naaf dhage'i!
1SA 25:25 Ee goottaa kiyya, Naabaalii yabaabulaa san woyitti hin laakkowin; maqaan isaatuu, ‹Gowwaa› jechu'u; inni akkuma maqaa ifiituu jira. Gowwumaan isuma woliin turte. Ani tajaajiltuun teeti ammoo dargaggoota goottaan kiyya erge san hin dhaggine.
1SA 25:26 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'eetii fi lubbuu teeti jiraattu'uun kakadha, ati dhiiga dhangalaattee haluu akka hin baaneef Mootiin Waan Maraa si eegeera; diinoti keetii fi worri si goottaa kiyya miidhuu barbaadu marti akka Naabaal te'e te'anuu ti.
1SA 25:27 Kennansi ani tajaajiltuun teeti si goottaa kiyyaaf fide kun dargaggoota si goottaa kiyya hordofatiisatti jiranuuf kennamuu ti.
1SA 25:28 Sababa ati goottaan kiyya lola Mootii Waan Maraa loliisatti jirtuuf, Mootiin Waan Maraa mootummaa sanyii teeti hin jabeessa; ati maganne'e yakkaa ana tajaajiltuu teetii naaf araarami; bara jiruu teetii mara hammeenni si irratti hin dhaggamin.
1SA 25:29 Eennulle si ijjeesiisaaf yennaa si ari'elle, lubbuun goottaa kiyyaa subba Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii keessatti nageyaan hin eeganti; lubbuu diinota keetii ammoo akka dhakaa looyyaa keessaa hin qolaansan.
1SA 25:30 Mootiin Waan Maraa waadaa si goottaa kiyyaaf gale, waan dansaa mara si'iif godhee Israa'el irralle'etti yennaa si mootii godhe,
1SA 25:31 dhiigi ati sababa malee dhangalaatte yookiin harka keetiin wonni ati haluu baate waan hin jirreef, si goottaa kiyya wonni ati itti gadditu yookiin wonni ati ifi gaabbitu tokkolle hin jiraattu. Mootiin Waan Maraa waan dansaa si'iif yennaa godhe, maganne'e, ana tajaajiltuu teeti qaabadhu» jette.
1SA 25:32 Daawitille Abigaayiliin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ka adha gara kiyya si erge leellifamuu ti!
1SA 25:33 Akka ani dhiiga hin dhangalaannee fi harka kiyyaan akka ani haluu hin baane ka na eege yaad keeti dansaan sun eebbifamuu ti; atille eebbifami.
1SA 25:34 Adoo ati ariifattee na bira dhufuu dhabaattee, dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ka jiraataa te'ee, ka akka ani si hin miine godhee, haga ganamatti namoota Naabaalii keessaa dhiira ka te'e tokkolle hin hafuuyyu» jedhe.
1SA 25:35 Achiin duuba Daawiti waan isiin isaaf fidde harka isi'ii irraa fudhatee, «Kunoo, ani dubbii teeti dhage'eera; waan ati na kadhattelle si'iif hin kenna. Nageyaan gara mana keetii deemi!» jedheen.
1SA 25:36 Abigaayil gara Naabaalii yennaa deebite, inni jila akka jila mana mootichaa mana ifii keessatti jilifatee guddoo machowee gammadiisatti jiraayyu. Maarre isiin haga latti bariitutti waan tokkolle isatti hin hinne.
1SA 25:37 Achiin duuba ganama Naabaal machii yennaa balleeffate, Abigaayil haati manaa isaa waan kana mara isatti hintee jennaan, onneen isaa naasu'uun dhowantee inni akka dhaka'aa te'e.
1SA 25:38 Gara guyyaa kudhaniitiin duuba, Mootiin Waan Maraa Naabaal irratti balaa buusee, innille du'e.
1SA 25:39 Daawiti akka Naabaal du'e yennaa dhage'e, «Naabaalii na arrasse ka haluu naaf baye, ana tajaajilaa ifiille waan hantuu godhiisa irraa ka na eege, Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti. Inni waan hantuu Naabaal huje san mataa isaatitti deebiseera» jedhe. Achiin duuba Daawiti Abigaayil fuudhiisaaf itti ergate.
1SA 25:40 Tajaajiltooti isaa gara Qarmelosii dhaxxee Abigaayiliin, «Daawiti si fuudhiisaaf barbaadee gara keeti nu ergeera» jette.
1SA 25:41 Abigaayil kaatee fuulaan lafatti gad gombifantee, «Kunoo, ani garbittiin teeti si tajaajiliisaaf, tajaajiltoota goottaa kiyyaalle miila dhiqisaaf qophoweera» jette.
1SA 25:42 Abigaayil ariiti'iin kaatee harree irra teettee, dubartoota dargaggeeyyii tajaajiltoota ifii shan fudhattee, namoota Daawiti ergate woliin deentee isa heerumte.
1SA 25:43 Daawiti dubartittii biyya Yizre'elii Ahiino'aamille fuudhee isaan lamaanuu haadha manaa isaa te'ane.
1SA 25:44 Saa'ol ammoo haadha manaa ta Daawitii intala ifii Mikaal isa jalaa baasee, nama qachaa Galiimii, ilma Laa'iishii Phalaati'el heerumsiise.
1SA 26:1 Namooti biyya Ziifii gara Saa'olii Giibe'aa dhaqanee, «Daawiti kooba Hakiila'aa irraa, fuullee lafa goomole'eetitti dhokateera motii?» jedhaneen.
1SA 26:2 Maarre Saa'ol ka'ee namoota Israa'elii ka filamane kuma sad woliin Daawiti barbaadiisaaf gara goomolee Ziifii deeme.
1SA 26:3 Saa'ol kooba Hakiila'aa ta fuullee lafa goomole'ee cinaa kara'aa qubate. Daawiti ammoo goomolee keessa ture; inni akka Saa'ol haga achii isa hordofee dhufe yennaa dhagge,
1SA 26:4 worra dooyu ergee Saa'ol dhugumaan akka achi dhufeeru hubate.
1SA 26:5 Achiin duuba Daawiti ka'ee addee Saa'ol Qubateeru dhaqee, Saa'olii fi ajajaan loltoota isaa ilmi Neerii Abneer addee rafaneeranu dhagge. Saa'ol odduu quttumaa rafee loltooti isaa adaala isaa qubataneeraniiyyu.
1SA 26:6 Achiin duuba Daawiti Ahiimelekii nama biyya Heetotaatii fi ilma Zeruyaa obboleessa Yo'aabii Abiishaayiin, «Eentu na woliin gara addee quttuma Saa'olii gad dhaqa?» jedhee gaafate. Abiishaayille, «Ani si woliin hin dhaqa» jedhe.
1SA 26:7 Maarre Daawitii fi Abiishaayi halkaniin addee loltooti jirtu dhaqane. Saa'ol eboo ifii mataa ifii duratti lafatti dongoratee odduu quttumaa rafee, Abneerii fi loltootille adaala isaa rafaneeraniiyyu.
1SA 26:8 Achiin duuba Abiishaayi Daawitiin, «Waaqi adha diina keeti harka keetitti dabarsee kenneera; amma ani yennuma tokko eboo tiyyaan Saa'ol woraanee lafa woliin wolitti hodha; ittille dabaluu hin barbaachisu» jedhe.
1SA 26:9 Daawiti ammoo Abiishaayiin, «Isa hin ijjeesin! Nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesee ka yakkaamessa hin te'in eennu?
1SA 26:10 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, Mootiin Waan Maraatuu Saa'ol hin ijjeesa yookiin guyyaa ifii hin du'a yookiin duula dhaqee achitti hin du'a.
1SA 26:11 Nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesiisa irraa Mootiin Waan Maraa na eeguu ti! Ammoo eboo isaatii fi duloo isaa ta bisaanii ka mataa isaa dura jiranu san fuudhi hin ideennaa!» jedhe.
1SA 26:12 Maarre Daawiti ebo'oo fi meya bisaanii ka mataa Saa'olii dura jiranu san fuudhee, isaan lamaanuu achii deemane. Mootiin Waan Maraa hirriiba hamaa isaanitti waan buuseef, isaan marti rafanee, nami tokkolle dammaqee isaan hin dhaggine yookiin tana hin beenne.
1SA 26:13 Achiin duuba Daawiti gara gamaa achi bu'ee isaan irraa fagaatee qaccee koobaa irra dhaabbate; wodhakkaa isaanii fageenna gudda'atti jiraayyu.
1SA 26:14 Daawiti loltootaa fi ilma Neerii Abneer waamee, «Ee Abneer! Na jalaa hin owwaattuu?» jedheen; Abneerille deebisee, «Ati ka mootii waantu kun eennu inni?» jedheen.
1SA 26:15 Daawitille, «Ati namaa motii ree? Israa'el keessa ka akka keetii eennu? Nami tokko goottaa keeti mooticha ijjeesiisaaf waan dhufeef, ati goottaa keeti mooticha maaf hin eenne ree?
1SA 26:16 Wonni ati hujje kun dansa'aa moti. Goottaa keessan ka Mootiin Waan Maraa muude waan hin eeginiif, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, atii fi namooti keeti du'uu qaddan. Eboon mootichaatii fi meyi bisaanii ka isaa ka mataa isaa dura jiranu meet ree? Me adaala keeti ilaali!» jedheen.
1SA 26:17 Saa'ol qoonqoo Daawitii beekee, «Ilma kiyya Daawiti, kun qoonqoo teetii?» jedheen. Daawitille deebisee, «Ee mooticha, goottaa kiyya, eeti'i qoonqoo tiyya» jedheen.
1SA 26:18 Itti dabalee, «Ee goottaa kiyya, maaf ana tajaajilaa keeti ariita? Ani maan godhe? Ani maan yakke?
1SA 26:19 Amma goottaan kiyya qoonqoo tajaajilaa ifii caqasuu ti. Mootiin Waan Maraa na irratti si kaasee yoo jiraate, inni kennansa fudhatuu ti. Namooti tana godhanee yoo jiraatane, akka ani qooda hin qabaanne, ‹Dhaqiitii waaqota dhibii waaqonfadhu› jedhanee waan na ari'aneef, isaan Mootii Waan Maraa duratti abaaramanuu ti!
1SA 26:20 Akka nama gaara irratti gogorrii adansuu, Mootiin Israa'elii ana nama taffii tokko barbaadiisaaf waan bayeef dhiigi kiyya Mootii Waan Maraa duraa fagaatee akka dhangala'u hin godhin!» jedhe.
1SA 26:21 Achiin duuba Saa'ol, «Ani cubbuu hujeera. Lubbuun tiyya adha si duratti ulfinna waan dhaggatteef, ani deebi'ee si hin miidhuutii, ilma kiyya Daawiti, deebi'i. Ani dhugumaan gowwumma'aan dokonkora guddaa hujeera» jedhe.
1SA 26:22 Daawitille deebisee, «Ee mooticha, kunoo, eboon teeti as jirti, dargaggoota teeti keessaa tokko dhufee fuudhuu ti!
1SA 26:23 «Mootiin Waan Maraa nama tokko tokkoofuu akka balchummaa isaatii fi addatamummaa isaatitti gatii isaaf kennuu ti. Mootiin Waan Maraa adha harka kiyyatti si dabarsee waan kenneef, ani ammoo nama Mootiin Waan Maraa muude hin miidhu.
1SA 26:24 Akkuma adha lubbuun teeti na duratti ulfinna dhaggatte, lubbuun tiyyalle Mootii Waan Maraa duratti ulfinna dhaggatuu ti! Inni rakkinna mara keessalle'ee na baasuu ti» jedhe.
1SA 26:25 Achiin duuba Saa'ol Daawitiin, «Ee ilma kiyya Daawiti, ati eebbifam! Ati waan hedduu hin goota; dhugumaan si'iif hin milkootti» jedhe. Maarre Daawiti karaa ifii deemee, Saa'olille gara mana ifii deebi'e.
1SA 27:1 Daawiti gadhaa ifii keessatti, «Guyyaa tokko harka Saa'oliititti du'iis kiyya waan hin oolleef, gara biyya Filisxeemotaa baqatiisa naa woyya. Achiin duuba Saa'ol biyya Israa'elii keessa na barbaadiisa hin lakkisa; anille harka isaa jalaa hin baya» jedhee herrege.
1SA 27:2 Maarre Daawitii fi namooti dhibbi jaa ka isa woliin jiranu gara mootii Gaatii, ilma Maa'okii Akiishi bira dhaqane.
1SA 27:3 Daawitii fi namooti isaa tokko tokkoon isaanii maatii ifii woliin Gaati keessa Akiishi bira le'ane. Daawitille haadhotii manaa ifii lama Ahiino'aamii nama biyya Yizre'eliitii fi Abigaayil ta Naabaal irraa du'e nama biyya Qarmelosii woliin jiraayyu.
1SA 27:4 Daawiti gara Gaatii akka baqate Saa'olitti yennaa himane, inni deebi'ee isa hin barbaanne.
1SA 27:5 Achiin duuba Daawiti Akiishiin, «Ani tajaajilaan keeti maaf si woliin qachaa mooti'ii keessa le'a? Ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachoota biyya kanaa keessaa tokko keessatti addeen ani le'u naaf kennantuu ti» jedhe.
1SA 27:6 Maarre gaafuma san Akiishi qachaa Siiqlaagii isaaf kenne. Qachaan Siiqlaagii guyyaa sanii jalqabee ka mootota Yihuda'aa te'e.
1SA 27:7 Daawiti biyya Filisxeemotaa keessa woggaa tokkoo fi ji'a afur le'e.
1SA 27:8 Daawitii fi namooti isaa dhaqanee, Geshuurota, Giirzotaa fi Amaaleqootatti duulane. Worri kun dur lafa Shuuriitii haga lafa Gibxi'ii keessa le'ane.
1SA 27:9 Daawiti yennaa isaan lole, dhiira yookiin dubartii tokkolle hin hamburre; hoolota, loon, harree, gaalotaa fi woyaa ammoo fudhatee gara Akiishii deebi'e.
1SA 27:10 Akiishi, «Adha eessa duultane?» jedhee yennaa gaafate, Daawiti, «Biyya Yihuda'aa ta gara kibbaa, biyya Yiraahimii'elii ta gara kibbaatii fi biyya Qenootaa ta gara kibbaatitti duulle» jedheen.
1SA 27:11 Daawiti, «Namooti gara Gaatii dhufanee, ‹Daawiti waan akkasii hujeera› jedhanee hin odeessan» jedhee waan herregeef, dhiira yookiin dubartii tokkolle hamburee gara Gaatii hin finne. Inni biyya Filisxeemotaa keessa haga le'e mara akkasuma godhaa ture.
1SA 27:12 Akiishille gadhaa ifii keessatti, «Inni kolbaa ifiituu kolbaan Israa'elii akka isa jibbitu waan godheef, haga bara baraa tajaajilaa kiyya hin te'a» jedhee waan herregeef, Daawiti addate.
1SA 28:1 Bara san Filisxeemoti Israa'el loliisaaf loltoota ifii wolitti qabatane. Akiishi Daawitiin, «Atii fi namooti keetille na woliin akka duultanu beeki» jedhe.
1SA 28:2 Daawitille, «Ani tajaajilaan keeti waan godhuu dande'u, atinuu dhaggu'uu jirta» jedheen. Akiishi deebisee, «Guddoo dansa'a! Ani haga jiruu tiyyaa eeddicha kiyya si tolfadha» jedheen.
1SA 28:3 Saamu'el du'ee Israa'elooti marti isaaf boottee qachaa isaa Raamaa keessatti isa awwaalane. Bara san Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa balleesseeraayyu.
1SA 28:4 Filisxeemoti wolitti qabamanee dhufanee adaala qachaa «Shuneem» jedhamutti qubatane. Saa'olille Israa'eloota mara wolitti qabatee gaara Giilbo'aa irra qubate.
1SA 28:5 Saa'ol loltoota Filisxeemotaa yennaa dhagge, guddoo sodaatee, gadhaan isaa sheephise.
1SA 28:6 Inni Mootii Waan Maraa yennaa gaafate, Mootiin Waan Maraa ammoo oojju'uun yookiin Uriimiin yookiin karaa raagotaalle'een deebii isaaf hin kennine.
1SA 28:7 Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Dhaqee isii akka gaafadhu, dubartii ekeraa dubbittu naa barbaada'a» jedhe. Isaanille deebisanee, «Kunoo, dubartiin ekeraa dubbittu takka Endoor keessa jirti» jedhaneen.
1SA 28:8 Maarre Saa'ol woyaa dhibii uffatee, ifi wollaalchisee, nama lama woliin halkan gara dubartittii sanii dhaqee, «Maganne'e, ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu naaf kaasi!» jedheen.
1SA 28:9 Dubartittiin ammoo deebittee, «Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa akka balleesse atinuu hin beetta. Na ijjeesiisaaf, tiyyoo na dura maaf keetta ree?» jetteen.
1SA 28:10 Saa'ol, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, waan kanaan ati hin adabantu» jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin kakate.
1SA 28:11 Achiin duuba dubartittiin, «Eennu si'iif kaasa?» jettee isa gaafatte. Innille deebisee, «Saamu'el naaf kaasi!» jedheen.
1SA 28:12 Dubartittiin yennaa Saamu'el dhaggite, qoonqoo guddo'oon iyyitee Saa'oliin, «Ati Saa'olii motii? Maaf na sodde?» jetteen.
1SA 28:13 Mootichi isi'iin, «Hin sodaatin! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhe. Dubartittiin deebittee Saa'oliin, «Ayyaanni tokko tokko lafa keessaa ol bayuun dhagga» jette.
1SA 28:14 Innille, «Inni maan fakkaata?» jedhee isii gaafate. Isiin deebittee, «Jaarsi tokko geellaa uffatee ol bayiisatti jira» jetteen. Achiin duuba Saa'ol akka inni Saamu'el te'e beekee ulfinna isaatiif fuulaan lafatti gad gombifame.
1SA 28:15 Achiin duuba Saamu'el, Saa'oliin, «Ati maaf du'a keessaa kaasiisaan na rakkitta?» jedhe; Saa'ol deebisee, «Ani rakkinna guddaa keessa jira; Filisxeemoti na loliisatti jirti; Mootiin Waan Maraalle na lakkisee, raagotaan yookiin oojju'uun deebii naaf kennuu dideera. Tanaaf maan akka godhu akka natti hintuuf, si waammadhe» jedheen.
1SA 28:16 Saamu'elille, «Mootiin Waan Maraa si irraa fagaatee eega diina keeti sitti te'e, maaf na gaafattaa ree?
1SA 28:17 Mootiin Waan Maraa waan natti dubbate muummessiisatti jira. Inni mootummaa teeti si harkaa fuudhee, jaala keeti Daawitiif kenneera.
1SA 28:18 Ati Mootii Waan Maraatiif waan hin ajajaminiif, aarii isaa ta akka ibiddaa bobeettu sanille Amaaleqoota irratti ati waan hin muummessiniif, Mootiin Waan Maraa adha tana si irratti godheera.
1SA 28:19 Ammalle, Mootiin Waan Maraa si'ii fi Israa'elootalle harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna; boru atii fi ilmaan teeti na bira hin dhuttan; Mootiin Waan Maraa loltoota Israa'eliille harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna» jedhe.
1SA 28:20 Dubbii saamu'el dubbateen, Saa'ol sodaatee yennuma san akkuma hojjaa ifiitiin lafatti jige. Guyyaa sanii fi halkan san mara waan tokkolle hin nyaanneeyyu; tanaaf hunna dhabe.
1SA 28:21 Dubartittiin gara Saa'olii dhuttee, akka inni guddoo bararaqe yennaa dhaggite, «Kunoo, ani tajaajiltuun teeti si'iif ajajameera. Lubbuu tiyya harkatti qabadhee waan ati natti hinte muummesseera.
1SA 28:22 Amma maganne'e, waan ani tajaajiltuun teeti sitti himu dhage'i; nyaattee jabeenna dhaggattee akka deentuuf sagalee si'iif hin qopheessa» jetteen.
1SA 28:23 Inni, «Hin nyaadhu» jedhee didate. Te'uu malee tajaajiltooti isaa dubartittii woliin guddoo waan isa kadhataneef, dubbii isaanii dhage'ee, lafaa ka'ee taqee irra tee'e.
1SA 28:24 Dubartittiin jibicha cooma mana keessaa waan qadduuf, ariiti'iin qaltee, bullaa fuutee sukkuuntee daabboo uukoo hin qanne bilcheessite.
1SA 28:25 Achiin duuba Saa'olii fi tajaajiltoota isaatiif dhikeessitee, isaanille nyaatane. Achiin duuba isaan halkanuma san ka'anee deemane.
1SA 29:1 Filisxeemoti loltoota ifii mara Afeqitti wolitti qabatane. Israa'elootille madda dhooqa Yizre'elii keessaa biratti qubatane.
1SA 29:2 Bulchitooti Filisxeemotaa loltoota ifii garee dhibba dhibbaa fi kuma kumaan te'anee duulane; Daawitii fi namooti isaalle Akiishi woliin duuba isaaniitiin isaan gula duulane.
1SA 29:3 Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa kun maan asii hujan?» jedhanee gaafatane. Akiishi deebisee, «Kun Daawiti, tajaajilaa Saa'olii, ka mooticha Israa'eliitii motii? Inni na bira haga dhufee woggaa irra dabareera; anille guyyaa inni natti galee jalqabee haga adhaatitti yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedheen.
1SA 29:4 Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo Akiishitti aaranee, «Nama kana addee qara isaaf kennitetti deebisii ergi. Inni yennaa lolaa garagalee diina akka nutti hin teene, akka inni nu woliin duulu hin godhin. Inni mataa namoota kanaa kutee adoo hin geessin goottaa ifii woliin attam araaramuu dande'a ree?
1SA 29:5 Isaan geeraraa, ‹Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawitille kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhaa ka faarfatane, Daawitii kanaa motii ree» jedhane.
1SA 29:6 Maarre Akiishi Daawiti waamee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ati nama qajeela'a. Guyyaa gara kiyya dhutteen jalqabee haga adhaa yakkaa tokkolle si irratti waan hin dhagginiif, na woliin adoo duulteetii, ani hin gammada. Te'uu malee bulchitooti ammoo si hin addanne.
1SA 29:7 Ati deebi'ii nageyaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa hin gammachiinne tokkolle hin godhin» jedheen.
1SA 29:8 Daawiti deebisee Akiishiin, «Ani ammoo maan godhe? Guyyaa ani gara keeti dhufeen jalqaddee haga adhaatitti ana tajaajilaa keeti irratti maan dhaggiteerta? Ani diinota goottaa kiyya mootichaa maaf loluu dhaba ree?» jedhee gaafate.
1SA 29:9 Akiishi deebisee, «Ati na duratti akka ergamaa Waaqaa ka komii hin qanne akka teetee hin beeka. Te'uu malee ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo, ‹Inni nu woliin gara lolaa dhaquu hin qabu› jedhaneeran.
1SA 29:10 Ati tajaajiltoota goottaa keetii ta si woliin dhufane woliin boru ganamaan ka'a'aatii, akkuma bariiteen deema'a» jedheen.
1SA 29:11 Maarre Daawitii fi namooti isaa gara lafa Filisxeemotaa deebi'iisaaf boruyyaa ganamaan ka'ane. Filisxeemotille gara Yizre'elii ol bayane.
1SA 30:1 Guyyaa sadeesso'oo Daawitii fi namooti isaa gara Siiqlaagii yennaa deebi'anu, Amaaleqooti gara kibba Kana'aaniitii fi Siiqlaagitti duulanee, Siiqlaag lolanee gubaneeranuun dhaggane.
1SA 30:2 Dubartootaa fi namoota achi keessa jiranu diqqa'aa fi guddaa mara booji'ane. Isaan worra booji'ane san fudhatanee deemane malee isaan keessaa nama tokkolle hin ijjeenne.
1SA 30:3 Daawitii fi namooti isaa gara qachaa Siiqlaagii yennaa dhufane, qachaan ibiddaan gubatee, niitoti isaanii, ilmaanii fi durri isaanii booji'amaneeranuun dhaggane.
1SA 30:4 Achiin duuba Daawitii fi namooti isaa, haga dadhabanutti qoonqoo ifii ol qabatanee bowane.
1SA 30:5 Niitoti Daawitii lamaanuu Yizre'elittiin Ahiino'aamii fi Abigaayil ta Naabaaliin Qarmelosichi irraa du'elle booji'amaneeraniiyyu.
1SA 30:6 Namooti marti ilmaanii fi durri isaanii waan booji'amaneef, gaddanee aaranee, Daawiti dhaka'aan tumiisaaf waan mari'ataneef inni guddoo yaadaan rakkate. Garuu Daawiti Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiin ifi jajjabeesse.
1SA 30:7 Achiin duuba Daawiti Abiyaataarii hayyicha, ilma Ahiimelekiitiin, «Woyaa hayyumma'aa ta qomaa naa fidi» jedhe. Abiyaataarille woyaa san isaaf fide.
1SA 30:8 Daawiti, «Garee loltootaa tana hordofuu? Ani isaan hin dhaqqabaa?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Dhugumaan ati isaan dhaqqaddee boojuulle waan deebifattuuf isaan hordofi!» jedheen.
1SA 30:9 Maarre Daawitii fi namooti isaa ka isa woliin jiranu dhibbi jaa gara laga Besoorii dhufanee, gariin achuma turane.
1SA 30:10 Namooti dhibbi lama ammoo guddoo waan dadhabaneef, laga Besoorii gamatti bu'uu waan hin dande'iniif, Daawiti namoota dhibba afur woliin loltoota san hordofe.
1SA 30:11 Isaan diida keessatti nama biyya Gibxi'ii tokko dhagganee gara Daawitii fidane. Isaan bisaan unuu fi sagalee nyaatu isaaf kennane.
1SA 30:12 Akkasuma baqaqa bixee midhaan harru'uutii fi midhaan woyni'ii gogaa cum'aa lama isaaf kennane. Inni guyyaa sadii fi halkan sad sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne; tanaaf nyaateen duuba bayyanate.
1SA 30:13 Daawitille, «Ati ka eennuuti? Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate; Inni deebisee, «Ani dargaggeessa biyya Gibxi'ii, tajaajilaa Amaaleqicha tokkoo ti; ani guyyaa sadiin dura waan dhibameef, goottaan kiyya na lakkisee deeme.
1SA 30:14 Nuuti biyya Keretootaa ta gara kibbaa, kutaa biyya Yihuda'aa, biyya Kaalebii ta gara kibbaatitti duullee, Siiqlaagille ibiddaan gunneerra» jedheen.
1SA 30:15 Daawitille, «Gara garee loltoota sanii nu geessuu dandeettaa?» jedhee gaafate. Inni deebisee, «Ati akka na hin ijjeenne yookiin harka goottaa kiyyaatitti dabarsitee akka na hin kennine Waaqa duratti naaf kakadhu. Anille gara garee loltoota sanii si hin geessa» jedheen.
1SA 30:16 Inni yennaa gara garee loltootaa Daawiti geesse, isaan biyya Filisxeemotaatii fi Yihuda'aa keessaa waan bacaa waan saamaneef, addee maratti bittinnowanee, nyaataa, unaa, gammadane.
1SA 30:17 Daawiti galgala saniin jalqabee haga galgala guyyaa itti aanuutitti isaan lolee, dargaggoota dhibba afur worra gaala irra tee'ee baqate malee, isaan keessa nami tokkolle miliqee hin baane.
1SA 30:18 Daawiti waan Amaaleqooti fudhatte mara, niitota ifiille lamaanuu deebifate.
1SA 30:19 Diqqaan yookiin Guddaan, ilmaan dhiiraa yookiin ijoolleen durraa, wonni isaan saamanee fudhatane yookiin wonni dhibiin ta Amaaleqooti fudhatane tokkolle adoo hin hafin Daawiti waan mara deebisiise.
1SA 30:20 Daawiti loon, hoole'ee fi re'ee mara deebifatee fudhatee, namooti isaa, «Kun boojuu Daawitii ti» jedhaa horii kana horii kaaniin dura oofane.
1SA 30:21 Achiin duuba Daawiti gara namoota dhibba lamaa worra guddoo dadhabee isa gula deemiisa dadhabanee, ka laga Besoorii biratti isa biraa hafanee deebi'ee dhaqe. Isaanille Daawitii fi namoota isa woliin jiranu qophatiisaaf bayane. Daawiti gara namoota sanii yennaa dhikaate nageya isaan fuudhe.
1SA 30:22 Namoota Daawiti gula deemanu keessaa, worri hama'aa fi worri woy hin baane tokko ammoo, «Isaan nu woliin waan hin duuliniif, tokko tokkoon isaanii dubartootaa fi ijoollee ifii fudhatanee deemanuutii malee waan nuuti boojinee fudhannee dhunne nu woliin hin qoodamanu» jedhane.
1SA 30:23 Daawiti ammoo deebisee, «Waawwo'o, obboleeyyan tiyya! Ka nu eegee, garee diinota keennaalle harka keennatti dabarsee ka kenne Mootii Waan Maraa ti. Waan inni nu'uuf kenne kana akkana hin godhina'a!
1SA 30:24 Waan isin jettanu kana eentu isiniif dhage'a? Qoodi worra lola dhaqeetii fi worra meya biratti hafee wol qixa. Isaan martinuu wol qixa qoodamanuu ti» jedhe.
1SA 30:25 Daawiti guyyaa saniin jalqabee haga adhaa dubbii tana Israa'elootaaf seeraa fi seerata godhe.
1SA 30:26 Daawiti gara Siiqlaagii yennaa dhufe, lansoota ifii jaarsolee Yihuda'aatiin, «Kunoo, kennansi kun waan diinota Mootii Waan Maraa irraa saamamee isiniif ergame» jedhe.
1SA 30:27 Inni worra Bet'eliitiif, worra kibba Yihuda'aa ka Raamootiitiif, worra Yaatiir keessa jiranuuf,
1SA 30:28 worra Aro'eriitiif, worra Siifmotiitiif, worra Eshtemo'aa keessa jiranuuf,
1SA 30:29 worra Raakaaliitiif, worra qachoota Yiraahimii'elootaa keessa jiranuuf, worra qachoota Qenootaa keessa jiranuuf,
1SA 30:30 worra Hormaatiif, worra Bor-Ashaaniitiif, worra Ataakiitiif,
1SA 30:31 worra Kebroon keessa jiranuuf, akkasuma worra addee Daawitii fi namooti isaa keessa deddeebi'e keessa jiranu maraaf erge.
1SA 31:1 Bara san Filisxeemoti Israa'eloota lolane; Israa'elooti isaan duraa baqatanee, nami bacaan lola Gaara Giilbo'aa irratti ijjeefamane.
1SA 31:2 Filisxeemoti Saa'olii fi ilmaan isaa hordofanee ari'anee, ilmaan isaa Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa ijjeesane.
1SA 31:3 Lolli Saa'ol irratti jabaatee, worri daayaan lolu dhaqqabanee akka malee isa madeessane.
1SA 31:4 Saa'ol dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'atu saniin, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee na ijjeesee akka na hin salphinne atinuu shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Dargaggeessichi isaa sun guddoo waan sodaateef isa hin ijjeenne. Maarre Saa'ol shallaagaa ifii buqqifatee irratti jige.
1SA 31:5 Dargaggeessichi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu sun akka Saa'ol du'e yennaa dhagge, innille akkuma isaa shallaagaa ifii buqqifatee irratti jigee isa woliin du'e.
1SA 31:6 Saa'ol, ilmaan isaa sadiinuu, dargaggeessichi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu fi namooti isaa martinuu guyyuma san wolumaan dhumatane.
1SA 31:7 Israa'elooti dhooqaan gamaa, laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu, loltooti Israa'elii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaalle akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Filisxeemotille dhufanee qachoota san qabatane.
1SA 31:8 Boruyyaa ganama worri Filisxeemotaa worra dhumatane san irraa meya mulqatiisaaf yennaa dhufane, Saa'olii fi ilmaan isaa sadiinuu gaara Giilbo'aa irratti du'aneeranuun dhaggane.
1SA 31:9 Isaan mataa Saa'olii irraa muranee, meya isaa ka lolaa irraa mulqatanee, oduu gammadaa kolbaa isaaniitii fi galma waaqa dharaa ka isaaniititti akka himanuuf biyya Filisxeemotaa mara keessa ergantoota ergane.
1SA 31:10 Isaan meya woraanaa ka isaa galma waaqa dharaa ka Ashitaarotii keessa keyanee, reeffa isaa dalleya dhaka'aa ka Bet-Shaaniititti fannisane.
1SA 31:11 Kolbaan Yaabesh-Giil'aad keessa leetu waan worri Filisxeemotaa Saa'ol irratti godhane yennaa dhage'ane,
1SA 31:12 namooti isaanii goototi marti halkaniin gara Bet-Shaanii dhaqanee, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa dalleya dhaka'a ka Bet-Shaanii irraa gad buusanee, gara Yaabeshii fidanee achitti isaan gubane.
1SA 31:13 Achiin duuba lafee isaanii fuudhanee Yaabesh keessatti muka «Tamariiski» jedhamu tokko jalatti awwaalanee guyyaa torba laamane.
2SA 1:1 Saa'ol du'een duuba, Daawiti Amaaleqoota injifatee deebi'ee, qachaa Siiqlaagii keessa guyyaa lama ture.
2SA 1:2 Guyyaa sadeesso'oo nami gaddaan woyaa ifii tarsaasee bukuu mata'atti naqateeru tokko gara Daawitii dhufee, ulfinna Daawitiitiif lafatti gad gombifame.
2SA 1:3 Daawitille, «Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate. Innille deebisee, «Ani quttuma loltoota Israa'elootaa keessaa baqadhee dhufe» jedheen.
2SA 1:4 Daawitille, «Maanti maan te'e ree?» jedhee gaafate. Innille, «Namooti lola keessaa baqataneeran; nami bacaan du'eera; Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataanille du'aneeran» jedhe.
2SA 1:5 Achiin duuba Daawiti, «Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataan akka du'ane ati attam beette?» jedhee dargaggeessa oduu isatti hime san gaafate.
2SA 1:6 Dargaggeessi oduu tana isatti hime sun deebisee, «Akka tasaa, ani gaara Giilbo'aa gubbaa ol bayeeraayyu; achitti Saa'ol eboo ifiititti ciqilfatee adoo jiruu, garreettaan fardaan harkifamuu fi abbootiin fardaa ka Filisxeemotaa reebanee isa dhaqqabane.
2SA 1:7 Saa'ol yennaa garagalee na dhagge na waame; anille owwaadhe.
2SA 1:8 Inni, ‹Ati eennu?› jedhee na gaafate; anille, ‹Ani nama gosa Amaaleqootaa ti› jedhee deebise.
2SA 1:9 Achiin duuba inni anaan, ‹Ani farra guddoo keessa galee, du'uu geyeera; lubbuun tiyya ammoo na keessaa hin baane, koyii na ijjeesi› jedhe.
2SA 1:10 Maarre inni jigeen duuba akka hin hanne ani waan beekeef isa ijjeese; kallacha mataa isaa irra jiruu fi irmuura harka isaa irraa baasee kunoo si goottaa kiyyaaf fideera» jedhe.
2SA 1:11 Yennaa tana dhage'ane Daawitii fi namooti isa woliin jiranu marti gaddanee woyaa ifii tarsaasane.
2SA 1:12 Isaan lola keessatti shallaaga'aan waan ijjeefamaneef, Saa'olii fi ilma isaa Yonaataaniif, loltoota Mootii Waan Maraatii fi Israa'eloota maraaf gaddanee bowanee haga galgalaatitti laamane.
2SA 1:13 Daawiti dargaggeessa oduu tana isatti himeen, «Ati eessaa dhutte?» jedhee gaafate. Innille, «Ani ilma alaga'aa ta nama gosa Amaaleqootaa ti» jedhee deebise.
2SA 1:14 Daawitille, «Ati nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesiisaaf maaf hin sodaanne ree?» jedhee isa gaafate.
2SA 1:15 Achiin duuba Daawiti namoota ifii keessaa nama tokko waamee, «Dhaqiitii, isa dhowii ijjeesi!» jedhe; innille isa dhowee ijjeese.
2SA 1:16 Daawitille isaan, «Ati, ‹Ani nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeeseera› jettee afaanuma keetiin dhugaa waan baateef, du'a keetiif si'umatti itti gaafatama» jedhe.
2SA 1:17 Daawiti marroo Saa'oliitii fi marroo ilma isaa Yonaataanii gaddee faarse.
2SA 1:18 Faaruu gaddaa ta daayaa tana kolbaa Yihuda'aa akka barsiisanu ajaje; faaruun gaddaa tun kitaaba, «Yaashaar» jedhamu keessatti barreeffanteerti.
2SA 1:19 Faaruun Gaddaa tun, «Ee, Israa'el ulfinni keeti koobota teeti dhedheertuu irratti jige; loltooti teeti janni attam attam du'ane?
2SA 1:20 Tana qachaa Gaatii keessatti hin odeessina'a; karaa qachaa Ashiqalonii keessatti hin lallabina'a. Durri Filisxeemotaa hin gammadin; durri worra haqanqabaa hin qabatinii hin firinxiixin.
2SA 1:21 «Ee gaarota Giilbo'aa wonteen worra jajjabaa waan battootteef, wonteen Saa'olii haganaa achi zayiti'iin waan hin haxowanneef, fixeensi yookiin bokkeenni isin irratti hin bu'in; fichaan keessan midhaan hin baasin.
2SA 1:22 Dhiiga worra du'ee irraa, cooma worra jajjabaa irraa, daayi Yonaataanii hin deebine; shallaagaan Saa'oliille tola hin deebine.
2SA 1:23 «Saa'olii fi Yonaataan yennaa lubbu'uun jiranu, worra jaalatamee fi worra jajame; yennaa du'anulle gargar hin baane. Isaan risaa caalaa worra ariifatu, neenqa caalaa worra jajjaba.
2SA 1:24 «Ee isin dubartoota Israa'elii nama woyaa liilana diima'aa isinitti uffisee, irmuura harka keessanitti keye, ka woyaa teessan seesa worqi'iitiin seeseef, Saa'oliif bowa'a.
2SA 1:25 «Worri jajjabi lola keessatti attam akkana du'ane Yonaataan kooba dheertuu teeti irratti du'eera.
2SA 1:26 «Ee obboleessa kiyya Yonaataan, ani si'iif gadda. Ati naaf jaalatama'a; jaalalli ati naaf qaddu ka maade'ee ti; jaalala dhiirti dubartootaaf qaddu caala.
2SA 1:27 «Worri jajjabi attam attam du'ane? Mey isaanii ka woraanaa attam attam bade?» ta jettu.
2SA 2:1 Kanaan duuba Daawiti, «Qachoota Yihuda'aa keessaa gara qachaa tokkoo ol bayuu?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Eeti'i ol bayi» jedhe. Daawitille, «Gara qachaa kamii deema?» jedhee gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Gara qachaa Kebroonii deemi» jedhe.
2SA 2:2 Maarre Daawiti niitota ifii lama Ahiino'aamii intala nama qachaa Yizre'eliitii fi Abigaayii ka Naabaal nami biyya Qarmelosii irraa du'e woliin gara qachaa Kebroonii ol baye.
2SA 2:3 Daawiti namoota isa woliin jiranu maatii isaanii woliin fuudhee deemee, isaanille qachaa Kebroonii keessa le'ane.
2SA 2:4 Achiin duuba namooti Yihuda'aa gara Kebroonii dhufanee, achitti Daawiti sanyii Yihuda'aa irratti mootii akka te'u muudane. Worri Saa'ol awwaalle namoota qachaa Yaabesh-Giil'aadii akka te'ane Daawititti yennaa himane,
2SA 2:5 Daawiti namoota qachaa Yaabesh-Giil'aadiititti namoota ergee, «Goottaa keessan Saa'ol awwaaliisaan arjummaa waan mudhittaneef, Mootiin Waan Maraa isin eebbisu;
2SA 2:6 Ammalle Mootiin Waan Maraa jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii isinitti mudhisu! Isin tana waan gootaneef, anille akkasuma waan dansaa isiniif hin godha.
2SA 2:7 Goottaan keessan Saa'ol waan du'eef, sanyiin Yihuda'aa na muuddee mootii ifii na godhatteerti; tanaaf jabaadha'a! Jajjabaadha'a!» jedhe.
2SA 2:8 Yennuma san ajajaan loltoota Saa'olii ilmi Neerii Abneer ilma Saa'olii Ish-Bosheet gara Mahanaayimii geessee,
2SA 2:9 lafa Giil'aadii, lafa Asheerii, lafa Yizre'elii, lafa Efreemiitii fi lafa Beniyaaminii irratti, Israa'el mara irralle'etti isa mootii godhe.
2SA 2:10 Ilmi Saa'olii Ish-Bosheet Israa'el irratti yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamaa ti; inni woggaa lama bulche. Kolbaan Yihuda'aa ammoo Daawiti hordofane.
2SA 2:11 Daawiti qachaa Kebroon keessa tee'ee, woggaa torbaa fi ji'a jaa Yihudaa bulche.
2SA 2:12 Ilmi Neerii Abneer tajaajiltoota Ish-Bosheetii ilma Saa'olii woliin Mahanaayimii ka'anee, gara qachaa Giibe'onii dhaqane.
2SA 2:13 Yo'aab ilmi Zeruyaan deettee fi namooti Daawitii bayanee baleessa Giibe'onii biratti isaan woliin wolde'ane. Gareen Daawitii baleessa irraa as garanaan, gareen Ish-Bosheetii baleessa irraa gara kaaniin tee'ane.
2SA 2:14 Achiin duuba Abneer Yo'aabiin, «Dargaggooti teennaa fi teessan ka'anee nu duratti wol lolanuu ti» jedhe; Yo'aabille, «Dansa'a! Wol lolanuu ti» jedhee deebise.
2SA 2:15 Maarre, dargaggooti kudhanii lama gosa Beniyaaminii keessaa ilma Saa'olii Ish-Bosheetiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane; dargaggooti kudha lama Daawitiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane.
2SA 2:16 Achiin duuba nami tokko tokkooyyuu mataa diina ifii qabee shallaaga'aan cinaacha hordee woraanee wol qabatanee jigane; tanaaf addeen sun Giibe'on keessatti, «Helkaat-haazuriim» jedhante.
2SA 2:17 Lolli guyyaa sanii guddoo jabaatee, Abneerii fi namooti Israa'elii namoota Daawitiitiin injifatamane.
2SA 2:18 Ilmaan sadiin ta Zeruyaan deette Yo'aab, Abiishaayii fi Asaahel achi jiraniiyyu; Asaahel akka buddanne'ee nama ariiti'iin fiigu.
2SA 2:19 Inni gara middaa yookiin gara bita'aa adoo hin gorin Abneer ari'e.
2SA 2:20 Abneer ifi duuba ilaalee, «Ati Asaahelii?» jedhee isa gaafate; Asaahelille, «Eeti'i, anuma» jedhee deebise.
2SA 2:21 Achiin duuba Abneer isaan, «Gara middaa yookiin gara bita'aa goriitii, dargaggoota keessaa tokko qabiitii meya woraanaa ka isaa irraa fudhadhu!» jedhe; Asaahel ammoo isa ari'iisa hin lakkinne.
2SA 2:22 Abneer ammalle Asaaheliin, «Na ari'iisa lakkis! Ani maaf si ijjeesa? Fuula obboleessa keeti Yo'aabii attam te'ee ilaala?» jedhe.
2SA 2:23 Asaahel ammoo isa ari'iisa lakkisuu didate; maarre Abneer qaccee eboo ifiitiin gadhaa isaa woraanee, eboon duuddaan fullaatee baate. Asaahelille achumatti jigee du'e; nami marti addee Asaahel jigee du'e san yennaa geye achuma dhaabbate.
2SA 2:24 Yo'aabii fi Abiishaayi ammoo Abneer ari'ane; isaan adoo isa ari'anuu karaa gara goomolee Giibe'on geessu gara kooba Amaa ka Giiyaa biraa yennaa geyane aduun seente.
2SA 2:25 Achiin duuba namooti Beniyaaminii wolitti qabamanee Abneer bira dhufane; isaan garee tokko te'anee qaccee gaaraa irratti addee qabatane.
2SA 2:26 Abneer Yo'aab waamee, «Haga bara baraa shallaaga'aan wol lollaa ree? Dubbiin tun wol fixiisatti akka nu geessitu ati hin hubattuu? Namooti keeti obboleeyyan ifii ari'iisa akka lakkisanu ati maaf hin ajajin?» jedhe.
2SA 2:27 Yo'aab deebisee, «Dhugaa Waaqa jiraata'aa! Adoo ati tana hin dubbatin, namooti haga ganamaatitti obboleeyyan ifii ari'iisa hin lakkisanuuyyu» jedhe.
2SA 2:28 Maarre Yo'aab tultullaa afuufee, namooti marti Israa'el ari'iisa lakkisanee lollille dhaabbate.
2SA 2:29 Abneerii fi namooti isaa halkan ideemaa bulanee Arabaayi dabaranee deemane; laga Yordaanosii bu'anee bayanee, Bethiroon keessa dabaranee gara Mahanaamii dhufane.
2SA 2:30 Achiin duuba Yo'aab Abeneer ari'iisa lakkisee deebi'ee namoota ifii mara wolitti qabe; namoota Daawitii keessaa, Asaahel adoo itti hin dabalin namooti kudhanii sagal dhabamane.
2SA 2:31 Namooti Daawitii ammoo namoota Beniyaaminii ka Abneerii woliin jiranu keessaa namoota dhibba sadii fi jaatama ijjeesane.
2SA 2:32 Isaan Asaahel addee du'ee fuudhanee, addee awwaala abbaa isaa Betlihemitti awwaalane. Achiin duuba namooti halkan deemaa bulanee, yennaa latti bariitu lafa Kebroonii geyane.
2SA 3:1 Lolli mootummaa Daawitiitii fi mootummaa Saa'olii wodhakkaa jiru yennaa bacaa ture; mootummaan Daawiti ittuma jabaataa deentee mootummaan Saa'olii ittuma dadhabaa deente.
2SA 3:2 Daawiti Kebroon keessatti ilmaan jaa uumate; ilmi angafichi Amnoon ka Ahiino'aamiin Yizre'elittiin deette,
2SA 3:3 ka lammeesso'oo Kiile'aab ka niitiin Naabaalii nami biyya Qarmelosii irraa du'e, Abigaayil deette, Ka sadeesso'oo Abiishaalom ka intalti Talmaayii mootii Geshuurii Ma'akaan deette,
2SA 3:4 ka arfeesso'oo Adoniyaa ka Haagiiti deette, ka shaneesso'oo Shefaaxiyaa ka Abiixaal deette,
2SA 3:5 ka jayeesso'oo Yiite'aam ta niitiin Daawitii Eglaan deette; Daawiti isaan kana qachaa Kebroonii keessatti uumate.
2SA 3:6 Mootummaa Saa'oliitii fi mootummaa Daawitii wodhakkaa lolli yennaa jiru, Abneer mootummaa Saa'olii irratti hunna ifii jabeeffataa ture.
2SA 3:7 Saa'ol gursumeettii Riizphaa intala Ayyaa qabaayyu; Ish-bosheet Abneeriin, «Ati gursumeettii abbaa kiyyaa woliin maaf ratte?» jedhee gaafate.
2SA 3:8 Abneer dubbii Ish-bosheet isatti dubatte kanaaf guddoo aaree, «Ani ka Yihuda'aaf golu nama saricha woy hin baane seetaa? Ani haga adhaa abbaa keeti Saa'oliif, mootummaa isaatiif, fira isaatille'eef addatamummaa qaba; si'ille harka Daawitiititti dabarsee hin kennine; ati ammoo cubbuu ani dubartittii tana woliin hujeef na himattaa?
2SA 3:9 Waadaa Mootiin Waan Maraa Daawitiif gale yoo ani hin muummessin Waaqi na balleessuu ti; ta tana caaltelle natti fiduu ti!
2SA 3:10 Mootummaan Sanyii Saa'olii irraa fuudhantee, Daawititti akka dabartu barcumaan mootummaa Daawitiille Daanii jalqabee haga Bersheeba'aatitti Yihuda'aa fi Israa'el irratti dhaabbatuu ti» jedhe.
2SA 3:11 Ish-Bosheet waan Abneer sodaateef dubbii tokkolle isatti hin dubbanne.
2SA 3:12 Achiin duuba Abneer namoota Daawititti ergee, «Lafa tana eentu bulcha? Ati wolii galtee na woliin godhadhu; Israa'elooti marti gara keeti akka deebitu ani si hin qarqaara» jedhe.
2SA 3:13 Daawitille, «Dansa'a! Ani wolii galtee si woliin hin godhadha; ammoo waan tokko si irraa barbaada; gara kiyya yennaa dhuttu, intala Saa'olii Mikaal yoo hin fidin, na bira hin dhufin» jedhe.
2SA 3:14 Achiin duuba Daawiti namoota gara Ish-Bosheetii ergee, «Niitii tiyya Mikaal ta ani fuudhiisaaf, Filisxeemota dhibba tokko yakkadhee shoggoraa isaanii maraa isi'ii kenne, naaf galchi» jedhe.
2SA 3:15 Maarre Ish-bosheet namoota ergee, Mikaal abbaa manaa isi'ii ilma Laa'iishii Phalaati'el jalaa fuudhe.
2SA 3:16 Abbaan manaa isi'ii haga qachaa Bahurii bowaa isii gula deeme; achiin duuba Abneer isaan, «Gara mana keetii deebi'i!» jedhe; maarre innille deebi'e.
2SA 3:17 Abneer jaarsolee Israa'elootaa woliin mari'atee, «Isin kanaan qara Daawiti mootii akka isiniif te'u barbaadaneertaniiyyu;
2SA 3:18 Mootiin Waan Maraa, ‹Karaa tajaajilaa kiyya Daawitiitiin kolbaa tiyya Israa'el harka Filisxeemotaatii fi harka diinota isaanii jalaa hin baasa› jedhee, waadaa waan galeef, tana ammumaa godha'a» jedhe.
2SA 3:19 Abneerille kolbaa Beniyaaminiititti tanuma hime; achiin duuba inni Israa'elii fi sanyiin Beniyaaminii waan godhiisaaf barbaadane mara Daawititti himiisaaf gara Kebroonii dhaqe.
2SA 3:20 Abneer namoota diddama woliin gara Daawitii Kebroon yennaa dhufe, Daawiti Abneerii fi namoota isa woliin jiranuuf areertii qopheesse.
2SA 3:21 Achiin duuba Abneer Daawitiin, «Si woliin akka gondooroo godhatanu, atille waan fedhii keetii mara akka bulchitu, dafee dhaqee goottaa kiyya mootichaaf, Israa'eloota mara wolitti qaba» jedhe; maarre Daawiti Abneer geegessee, innille nageyaan deeme.
2SA 3:22 Namooti Daawitiitii fi namooti Abneerii yennuma san boojuu bacaa fudhatanee duula irraa deebi'ane; Daawiti nageyaan waan isa geegesseeruuf, Abneer Kebroon keessa hin jiruuyyu.
2SA 3:23 Yo'aabii fi loltooti isa woliin jiranu marti achi yennaa geyane, ilmi Neerii Abneer gara mootichaa akka dhufe, mootichille isa geegesseen inni nageyaan akka deeme Yo'aabitti himane.
2SA 3:24 Maarre Yo'aab gara mootichaa dhaqee, «Wonni ati goote kun maan? Ilaa, Abneer gara keeti dhufeeruun maaf akka inni deemu goote?
2SA 3:25 Ati ilma Neerii Abneer hin beetta; inni si sobee bayaa fi gala keeti beekee, waan ati huju mara dooyiisaaf dhufe» jedhe.
2SA 3:26 Achiin duuba Yo'aab Daawiti biraa deemee, Abneer akka fidanuuf namoota erge; namootille baleessa, «Siiraa» jedhamu biratti dhaqqabanee isa deebisane; Daawiti ammoo waan kana hin beenne.
2SA 3:27 Abneer gara Kebroonii yennaa deebi'e, Yo'aab qofuu isa dubbisuu akka barbaadee gara karraa isa geesse; achitti haluu dhiiga obboleessa ifii Asaahelii bayiisaaf gadhaa isaa woraanee ijjeese.
2SA 3:28 Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, «Marroo dhiiga Abneerii ilma Neeriitiif ani fi mootummaan tiyya Mootii Waan Maraa duratti haga bara baraa yakkaa hin qannu;
2SA 3:29 dhiigi Abneerii kun matuma isaatii fi sanyii abbaa isaa irratti te'uu ti; nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u yookiin nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu yookiin nami naafate yookiin nami shallaaga'aan du'u yookiin nami sagalee hin qanne sanyii Yo'aabii keessaa hin dhabamin» jedhe.
2SA 3:30 Abneer lola Giibe'onii keessatti obboleessa isaanii Asaahel waan ijjeeseef obboleeyyan isaa Yo'aabii fi Asiishaay isa ijjeesane.
2SA 3:31 Achiin duuba Daawiti Yo'aabii fi namoota isa woliin jiranu maraan, «Woyaa teessan tarsaasa'aatii, woyaa gaddaa uffadha'aa, bowaa reeffa Abneeriitiin dura deema'a» jedhe; mootichi Daawitille guyyaa awwaalaa raree reeffa Abneerii gula deeme.
2SA 3:32 Isaan Abneer Kebroonitti awwaalane; mootichille addee awwaala Abneerii biratti qoonqoo ifii ol qabatee bowe; kolbaalle martinuu bowane.
2SA 3:33 Mootichi Abneeriif faaruu gaddaa faarsee, «Abneer akka nama gatii hin qannee du'uutii ree?
2SA 3:34 Harki keeti hin hidhanne; miilli keetille wodaroo sibiilaatiin hin hidhanne; ati akka nama namoota hamoolee duratti du'uu duute» jedhee faarfate. Kolbaan martinuu ammalle isaaf bootte.
2SA 3:35 Achiin duuba kolbaan marti gara Daawitii dhuttee akka inni sagalee nyaatuuf kadhatte; Daawiti ammoo, «Haga aduun seentutti daabboo yookiin woy afaaniin yoo qabe, Waaqi na ijjeesuu ti» jedhee kakate.
2SA 3:36 Kolbaan marti tana yaadattee, itti gammadde; wonni mootichi godhe marti isaan gammachiise.
2SA 3:37 Maarre guyyaa san kolbaan marti, Israa'elootille martinuu ijjeefamiisa Abneerii ilma Neerii mootichi akka keessa hin jirre beekane.
2SA 3:38 Achiin duuba mootichi kolbaa ifiitiin, «Guyyaa adhaa qondaalli nami guddaan Israa'el keessatti akka du'e hin beennee?
2SA 3:39 Ani adha mootii muudame te'ulle, nama dadhaba'a; ilmaan Zeruyaan deettee na irratti jabaatteerti; worra hantuu huju akkuma hujii isaaniititti, Mootiin Waan Maraa isaan adabuu ti» jedhe.
2SA 4:1 Abneer qachaa Kebroonii keessatti akka ijjeefame ilmi Saa'olii Ish-bosheet yennaa dhage'e, nayee harki irraa bu'e; kolbaan Israa'eliille martinuu guddoo rifatte.
2SA 4:2 Ilmi Saa'olii Ish-bosheet ajajjoota loltootaa namootaa lama qabaayyu; maqaan tokkoo Ba'ana'a, ta kaanii Rekaab; isaan gosa Beniyaaminii keessaa ilmaan Rimoonii nama qachaa Berootii ti; Berooti kutaa Beniyaaminiititti laakkowanti.
2SA 4:3 Kolbaan Berootii gara Giitaayimii baqattee haga adhaa alagaa teetee achi leeti.
2SA 4:4 Ilmi Saa'olii Yonaataan ilma miila lamaanuu laashowe tokko qabaayyu; yennaa Saa'olii fi Yonaataan ijjeefamanu inni nama woggaa shanii ti; oduun isaan ijjeefamane Yizre'el keessatti yennaa dhage'antu ta isa guddittu isa ba'attee ariiti'iin adoo baqattuu inni isii irraa bu'ee laashowe. Maqaan isaalle Mefii-Boshet.
2SA 4:5 Ilmaan Rimoonii nama biyya Berootii Rekaabii fi Ba'anaan gara mana Ish-Bosheetii dhaqiisaaf ka'anee, inni saafowa foorfatiisaaf taqee irraa irkatee adoo jiruu, yennaa aduun o'itu san achi geyane;
2SA 4:6 akka nama qamadii barbaadataaruu gara manaa seenanee gadhaa isaa woraanane; achiin duuba Rekaabii fi obboleessi isaa Ba'anaan laana bayanee deemane.
2SA 4:7 Isaan Ish-bosheet kolloo ifii keessa taqee irraa adoo irkatee jiruu seenane; isaan isa woraananee ijjeesaneen duuba mataa isaa muranee fudhatanee halkan guutuu karaa Arabaayii deemane.
2SA 4:8 Mataa Ish-Bosheetii san Kebroonitti gara Daawitii mootichaa fidanee, «Mataan diina keeti Ish-Bosheetii ilma Saa'olii ka si ijjeesiisaaf barbaadee kunoo ti; guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa si goottaa mooticha keennaaf, Saa'olii fi sanyii isaatiifille haluu bayeera» jedhane.
2SA 4:9 Daawitille ilmaan Rimoonii nama biyya Berootii Rekaabii fi obboleessa isaa Ba'ana'aan, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka rakkoo mara jalaa na baasee,
2SA 4:10 akka waan oduu dansaa natti himee, nama, ‹Saa'ol du'eera› jedhee natti hime, ani isa qabee Siiqlaagitti ijjeese; oduu inni natti himeef badhaasi ani isaaf kenne kana.
2SA 4:11 Eegasuu, nama yakkaa hin qanne ka manuma ifii keessa taqee ifii irra irkate san, worra hamoolee isa ijjeesane san ani attam irra caalaa adabuu dhaba ree? Ani dhiiga isaa harka keessan keessaa barbaadee lafa irraa isin hin balleessuu ree?» jedhe.
2SA 4:12 Maarre Daawiti namoota ifii ajajee, isaanille isaan ijjeesanee harkaa fi miila isaanii muranee, reeffa isaanii baleessa Kebroon bira jiru biratti fannisane; mataa Ish-Bosheetii ammoo fuudhanee qachaa Kebroonii keessatti addee awwaala Abneerii biratti awwaalane.
2SA 5:1 Gosi Israa'elii marti Kebroonitti gara Daawitii dhufanee, «Nuuti dhiigaa fi foon keeti;
2SA 5:2 kanaan qara, yennaa Saa'ol mootii keenna te'eerulle, nami Israa'eloota sooresse si'i; Mootiin Waan Maraalle, si'iin, ‹Kolbaa tiyya Israa'el hin tissita; bulchaa isaanille hin teeta› jedheeraayyu» jedhane.
2SA 5:3 Maarre jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti gara Daawitii mootichaa dhufane; mootichi Daawiti Kebroonitti Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo godhate; isaanille Daawiti muudanee Israa'el irratti mootii godhane.
2SA 5:4 Daawiti yennaa mootii te'e, nama woggaa soddomaa ti; inni woggaa afurtama bulche.
2SA 5:5 Inni Kebroon keessa tee'ee woggaa torbaa fi ji'a ja kolbaa Yihuda'aa bulche; Yerusaalem keessalle tee'ee, woggaa soddomii sad kolbaa Israa'elii maraa fi kolbaa Yihuda'aa bulche.
2SA 5:6 Mootichi Daawitii fi namooti isaa Yibusoota qachaa Yerusaalemii keessa le'anu loliisaaf itti duulane; Yibusooti, «Daawiti asi seenuu hin dande'u» jedhanee waan yaadaneef, Daawitiin, «Worri balla'aa fi naafinuu waan si dhoogganuuf, ati asi hin seentu» jedhane;
2SA 5:7 te'uu malee Daawiti kushee Xiyoonii qabatee, addeen sun, «qachaa Daawitii» jedhante.
2SA 5:8 Guyyaa san Daawiti, «Nami Yibusoota worra balla'aa fi naafa, diinota Daawitii injifatiisaaf barbaadu, xurree bisaan yaa'u ta lafa jalaatiin dabaruu ti» jedhe; kanaaf, «Balla'aa fi naafi mana mootumma'aa hin seenanu» jedhamane.
2SA 5:9 Daawiti kushee Xiyoonii qabate san keessa le'ee, «Qachaa Daawitii» jedhee moggaase; inni kaabii, «Miiloo» jedhantuun kaasee itti naannessee gara keessaatitti kushee qacha'aa jabeessee ijaare.
2SA 5:10 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa deeme.
2SA 5:11 Mootiin Xiiroosii Hiiraam namoota ifii muka hindheensa, worra muka bocuu fi worra dhakaa bocu woliin gara Daawitii erge; isaanille Daawitiif mana mootumma'aa ijaarane.
2SA 5:12 Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke.
2SA 5:13 Daawiti qachaa kebrooniitii ka'ee gara Yerusaalemii deemeen duuba, achitti gursumeeyyi'ii fi niitota dhibii dabalee fuudhee, ilmaanii fi durri dhibiin isaaf dhalatane.
2SA 5:14 Maqaan ilmaan isaa ka Yerusaalem keessatti isaaf dhalatane: Shaamuwaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
2SA 5:15 Yiibhaar, Eliishuwaa, Nefeg, Yaafii'aa,
2SA 5:16 Eliishaamaa, Eliyaada'aa fi Eliifelex fa'a.
2SA 5:17 Daawiti muudamee mootii Israa'elii akka te'e, Filisxeemoti yennaa dhageette, marti isaanii isa barbaadiisaaf bayane; Daawiti ammoo tana dhage'ee gara kushee ifii gad bu'e.
2SA 5:18 Filisxeemotille dhufanee, dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane.
2SA 5:19 Maarre Daawiti, «Worra Filisxeemotaatitti duuluu? Ati harka kiyyatti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Eeti'i, duuli, anille dhugumaan Filisxeemota harka keetitti dabarsee hin kenna» jedhe.
2SA 5:20 Maarre Daawiti gara Ba'aal-Pheraaziimii dhaqee, achitti Filisxeemota lolee injifate. Inni, «Akkuma lolaan bisaanii jabaan ededa caccassu, Mootiin Waan Maraa diinota kiyya fuula kiyya duratti bittinneesse» jedhee, maqaa addee sanii, «Ba'aal-Pheraaziim» jedhe.
2SA 5:21 Worri Filisxeemotaa waaqota ifii achitti lakkisanee waan baqataneef, Daawitii fi namooti isaa waaqota isaanii san fudhatane.
2SA 5:22 Filisxeemoti ammalle dhufanee dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane.
2SA 5:23 Maarre Daawiti Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Gara duubaatiin marsiitii mukoota harru'uu duratti isaan loli malee, fuula duraan itti hin dhaqin.
2SA 5:24 Qaccee mukoota harru'uu gubba'atti hirba duulaa yennaa dhageette, ani Mootiin Waan Maraa loltoota Filisxeemotaa loliisaaf si'iin dura waan bayeef, ariiti'iin gara duraa deemi» jedhe.
2SA 5:25 Maarre Daawiti akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhee, worra Filisxeemotaa Giibe'onii haga Gezerii ari'e.
2SA 6:1 Daawiti ammalle Israa'eloota keessaa namoota filamane kuma soddoma wolitti qabe.
2SA 6:2 Daawitii fi namooti isaa marti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, ka maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'eeruutiin waamame, qachaa Ba'aalaa ka Yihudaa keessaatii fidiisaaf achi deemane.
2SA 6:3 Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa garreettaa fardaan harkifamu haareya irra keyanee, mana Abinaadaabii ka kooba irra jiru keessaa fuudhanee fidane; ilmaan Abinaadaabii Uzaa fi Ahiiyon garreettaa fardaan harkifamu haareya san,
2SA 6:4 Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa irra jiruun yennaa oofanu, Ahiiyoti duraan deemaayyu.
2SA 6:5 Daawitii fi kolbaan Israa'elii duudiin, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, bilibilaa fi sibiila qilillisuun hunna ifii guutu'uun faaruu faarsaa ulfinna Mootii Waan Maraatiif firinxiixane.
2SA 6:6 Isaan eeddummee Naakonii bira yennaa geyane, qotiyyooti garreettaa san harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hiixatee qabe.
2SA 6:7 Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa waan faanshesseef, aariin Mootii Waan Maraa isa irratti bobeette; tanaaf Waaqi isa xixee, inni Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa biratti achumatti du'e.
2SA 6:8 Mootiin Waan Maraa aaree Uzaa waan ijjeeseef, Daawiti aare; addeen sun haga adhaa, «Pherez-Uzaa» jedhanti.
2SA 6:9 Daawiti guyyaa san Mootii Waan Maraa waan sodaateef, «Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa attam gara kiyya dhufuu dande'a ree?» jedhe.
2SA 6:10 Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa san gara qachaa ifii geessiisa waan hin barbaanneef, gara mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii geesse.
2SA 6:11 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii keessa ji'a sad ture; Mootiin Waan Maraalle Obed-Edoomii fi maatii isaa mara eebbise.
2SA 6:12 Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda'aan fide.
2SA 6:13 Worri Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ate tarkaaffii jaa akkuma deemanuun, Daawiti korma tokkoo fi dardara cooma tokko ciincaa dhikeessaayyu.
2SA 6:14 Daawiti woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee hunna ifii guutu'uun Mootii Waan Maraa duratti firinxiixe.
2SA 6:15 Akka kanaan Daawitii fi kolbaan Israa'elii marti ilillisaa, tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ol fidane.
2SA 6:16 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii yennaa galu intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin ilaalte; mootichi Daawiti Mootii Waan Maraa duratti utaalaa firinxiixuun dhaggitee, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte.
2SA 6:17 Namooti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabe keessa addee inni qopheesse keyane; Daawitille kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Mootii Waan maraa duratti dhikeesse.
2SA 6:18 Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin kolbaa eebbise.
2SA 6:19 Daawiti kolbaa Israa'elii dhiiraa fi dubartii duudi'iif tokko tokkoo isaaniitiif, daabboo tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoo fi xaltaa midhaan woyni'ii tokko tokko qoode; achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii deemane.
2SA 6:20 Daawiti maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii yennaa deebi'e, intalti Saa'olii Mikaal isa fudhatiisaaf gad baatee, «Mootiin Israa'elii adha dubartoota tajaajiltoota qondaaltota isaa duratti akka nama bu'aa hin qannee qullaa dhaggamiis ulfinna attamii ti!» jette.
2SA 6:21 Daawiti deebisee Mikaaliin, «Mootii Waan Maraa ka abbaa keeti yookiin worra mana isaa keessa jiranu caalaa, kolbaa ifii Israa'el irratti na muudee mootii na godhe duratti gammadee firinxiixe. Ammalle ani Mootii Waan Maraa duratti hin firinxiixa.
2SA 6:22 Ani tana caalaa isa duratti ifi gad hin qaba; ila teeti duratti hin salphadha. Te'uu malee, garboolee ati maqaa dhootte duratti ammoo ulfinna hin dhaggadha» jedhe.
2SA 6:23 Tanaaf, intalti Saa'olii Mikaal adoo hin deyin duute.
2SA 7:1 Mootiin Waan Maraa diinota adaala isaa jiranu mara irraa foora isaaf kennee, mootichi Daawiti mana mootummaa ifii keessa nageyaan le'een duuba,
2SA 7:2 raagicha Naataaniin, «Kunoo ani mana mootumma'aa ka muka hindheensaatiin ijaarame keessa le'a; Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa ammoo dunkaanii keessa jira» jedhe.
2SA 7:3 Naataanille mootichaan, «Mootiin Waan Maraa si woliin waan jiruuf waan yaadde mara godhi» jedhe.
2SA 7:4 Galgaluma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee,
2SA 7:5 «Dhaqiitii, tajaajilaa kiyya Daawitiin Mootiin Waan Maraa, ‹Mana ani keessa le'u ka anaaf ijaaru si'ii moti.
2SA 7:6 Ani kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee jalqabee haga adhaa dunkaanuma keessa jiraataa, asii fi achi deemaa ture malee mana keessa hin leene.
2SA 7:7 Israa'eloota mara woliin addee deeme maratti kolbaa tiyya Israa'el akka tissanuuf sooressitoota ajaje keessaa tokkolleen: Muka hindheensaatiin mana naaf maaf hin ijaarre? Jedhee beekaa?› jedhi.
2SA 7:8 «Ati ammalle tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, addee horii itti tiffatanu, hoolee tissiisatti jirtuun si fuudhe;
2SA 7:9 ani addee ati dhaxxe mara si woliin jiraadhee, diinota keeti si duraa balleesseera; amma akkuma worra gugurdaa maqaan isaanii lafa irratti beekkamee, maqaan keetiille akka beekkamu hin godha.
2SA 7:10 Kolbaan tiyya Israa'el addee ifii akka qabaatanuu fi haganaa achii akka hin sarbanne, addee le'anu isaaniif hin kenna; haganaa achi kolbaan hamooleen akka qaraa isaan hin cunqursitu.
2SA 7:11 Abbootii mura'aa isaaniif haga muudeen jalqabanee kolbaan hamooleen akka isaan irratti godhaa turane, haganaa achi isaan irratti hin godhanu; ani diinota keeti mara irraa si hin foorfachiisa. Ani Mootiin Waan Maraatuu mana si'iif hin ijaara.
2SA 7:12 Barri keeti geyee, duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa.
2SA 7:13 Maqaa kiyyaaf nami mana ijaaru isa; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa isaaf hin jabeessa.
2SA 7:14 Ani abbaa isaaf hin te'a; innille ilma kiyya hin te'a; yoo inni balleesse ammoo ulee nami adabamuun isa hin adaba; akkuma ijoolleen liche'een dikantu isa hin dika.
2SA 7:15 Garuu Saa'olii si duraa kaase irraa jaalala kiyya ka bara baraa akkuma kaase, isa irraa hin kaasu.
2SA 7:16 Manni keetii fi mootummaan teeti na duratti haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti; barcumaan mootummaa teetiille haga bara baraa jabaatee hin dhaabbata jedha› jedhi» jedhe.
2SA 7:17 Naataan jecha mudhii tanaa mara Daawititti hime.
2SA 7:18 Achiin duuba mootichi Daawiti dhaqee, Mootii Waan Maraa dura tee'ee, «Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ka ana asi geessitte, ani eennu? Sanyiin tiyyalle maan?
2SA 7:19 Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, tun si hanqannaan, marroo sanyii tajaajilaa keetii ta gara duraa dubbatteerta; ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, kun waan ati yennaa mara namaaf gootuu?
2SA 7:20 Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ana tajaajilaa keeti waan beettuuf, tana caalaa maan si'iin jedhuu dande'a ree?
2SA 7:21 Akka jecha keetiitii fi akka yaada gadhaa keetii waan guddaa kana gootee, ana tajaajilaa keetitti beessitteerta.
2SA 7:22 Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati attam attam gudda'a! Ka akka keetii tokkolle hin jiru; akkuma gurra keennaan dhageenne, si malee Waaqi dhibiin hin jiru.
2SA 7:23 Kolbaa teeti godhatiisaaf ka ati wodatte, ka ati dura isaanii deentee, maqaan keeti akka beekkamuuf, gosa biyya adda addaatii fi waaqota dharaa ka isaanii ka isaan duraa balleessite, waan gugurdo'oo fi maade'ee ta sodaachittu isaaniif gootee, ka biyya Gibxi'iitii baatte, kolbaa teeti Israa'elii malee kolbaan dhibiin lafa irra jirtii?
2SA 7:24 Ee, Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti Israa'el haga bara baraa kolbaa teeti godhattee, isaaniif Waaqa teeteerta.
2SA 7:25 «Ammalle ee, Mootii Waan Maraa Waaqa, marroo tajaajilaa keetiitii fi sanyii isaatiif waadaa galte haga bara baraa jabeessi; akkuma dubbatte muummessiif.
2SA 7:26 Achiin duuba, maqaan keetille haga bara baraa guddaa hin te'a; namootille, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan; sanyiin tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti.
2SA 7:27 Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, Waaqa Israa'elii, ‹Ani si'iif mana hin ijaara› jettee tana tajaajilaa keetitti mudhitteerta; maarre ani tajaajilaan keeti daadimata kana gara keeti dhikeeffatiisaaf sitti guuleera.
2SA 7:28 «Ee, Goottaa Mootii Waan maraa, ati Waaqa! Jechi keetille addatama'a; waan dansaa kana godhiisaaf tajaajilaa keetiif waadaa galteerta.
2SA 7:29 Akka si duratti haga bara baraa jabaatee le'u, maganne'e sanyii tajaajilaa keetii ammalle eebbisi! Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, tana atuu waan dubbatteef, eebba keetiin sanyiin tajaajilaa keetii haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe.
2SA 8:1 Kanaan duuba mootichi Daawiti Filisxeemota lolee injifatee, qachaa Mateg-Amayii ta isaan qara qabatane harka Filisxeemotaatii baase.
2SA 8:2 Daawiti Mo'aabotalle injifate; namoota booji'e lafatti irkisee wodaro'oon isaan mike; worra wodaro'oon mikame keessaa harka lama ijjeesee, harka tokko lakkise; maarre worri Mo'aabotaa tajaajiltoota isaa te'anee isa gabbarane.
2SA 8:3 Kana maleelle Daawiti lafa laga Efraaxiisii bira jirtu deebisee qabatiisaaf yennaa dhaqe, mootii Zobaa ilma Rehoobii Hadaad-Ezer lolee,
2SA 8:4 garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota miilaa kuma diddama booji'e; garreettaa fardaan harkifamu dhibba tokko callaa hamburee, kaan maraa mogolee ciccire.
2SA 8:5 Namooti Sooriya'aa worri Damaasqoo keessa le'anu, mootii Zobaa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese.
2SA 8:6 Achiin duuba mootummaa Damaasqo'oo Aaram keessatti quttuma loltootaa godhate; worri Sooriya'aa tajaajiltoota isaa te'anee isa gabbarane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.
2SA 8:7 Daawiti wontee worqii irraa hujante ta qondaaltota Hadaad-Ezerii fudhatee gara Yerusaalemii fide.
2SA 8:8 Mootichi Daawiti qachoota Hadaad-Ezerii, Bexa'aa fi Berootaayi keessaa sageettuu bacaa guurate.
2SA 8:9 Mootiin Haamaatii To'i akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mara injifate yennaa dhage'e,
2SA 8:10 To'i qara Hadaad-Ezer woliin wol lolaa waan tureef, Daawiti Hadaad-Ezer irratti injifannoo waan dhaggateef, nageya gaafatee, «Baga gammadde» akka jedhuuf ilma ifii Yoraam gara Daawitii erge; innille meya worqii, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame qabatee dhaqe.
2SA 8:11 Mootichi Daawiti gosa biyya adda addaa mara irraa waan qara gabbarsiifateen meeti'ii fi worqii isaaf galte keessaa akkuma qara godhe meya kana Mootii Waan Maraatiif adda baase.
2SA 8:12 Gosi biyya adda addaa worri qara isa gabbarane, worra Edoomii, worra Mo'aabii, worra Amoonii, worra Filisxeemotaatii fi worra Amaaleqootaa ti. Inni mootii Zobaa ilma Rehoobii Hadaad-Ezer irraa meya booji'elle Mootii Waan Maraatiif adda baase.
2SA 8:13 Daawiti addee, «Dhooqa sooddaa» jedhantutti Edoomota kuma kudhanii saddeeti ijjeesee deebi'een duuba maqaan isaa beekkame.
2SA 8:14 Inni biyya Edoomii mara keessatti addee quttumaa godhatee, Edoomoti marti isa tajaajilane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.
2SA 8:15 Daawiti Israa'eloota mara irratti mootii te'ee, kolbaa maraaf muraa haqaa muree, waan sirrii te'e huje.
2SA 8:16 Yo'aab ilmi Zeruyaan deette, ajajaa loltootaa te'e; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax barreessaa dabarsi'ii ti.
2SA 8:17 Ilmi Ahiixubii Zaadoqii fi ilmi Abiyaataarii Abiimelek hayyoota; Seraayaan barreessaa mana mootumma'aa ti.
2SA 8:18 Ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan itti gaafatamaa Keretootaatii fi Pheletootaa ti; ilmaan Daawitii ammoo gorsitoota mana mootumma'aa ti.
2SA 9:1 Daawiti, «Marroo Yonaataaniitiif jedhee ka ani waan dansaa godhuufii dande'u, sanyii Saa'olii keessaa nami hafe hin jiraataa laati?» jedhee gaafate.
2SA 9:2 Maatii Saa'olii keessa tajaajilaan, «Ziibaa» jedhamu tokko waan jiruuf, akka inni gara Daawitii dhaqu isa waamane; mootichille, nami «Ziibaa» jedhamu si'ii? jedhee isa gaafate. Innille, «Eeti'i ana tajaajilaa keeti» jedhee deebise.
2SA 9:3 Mootichi, «Arjummaa Waaqaa akka ani itti mudhisuuf sanyii Saa'olii keessaa nami hafe hin jiruu?» jedhee gaafate; Ziibaan deebisee, «Ilmi Yonaataanii ka miila naafateeru tokko jira» jedhe.
2SA 9:4 Mootichille, «Inni amma eessa jira?» jedhee gaafate. Ziibaan deebisee, «Inni qachaa, ‹Lodebaar› jedhamu keessa mana Maakiirii ilma Amii'elii keessa jira» jedhe.
2SA 9:5 Maarre mootichi Daawiti qachaa, «Lodebaar» jedhamu keessaa mana Maakiirii ilma Amii'elii keessaa Mefii-Bosheet akka fidanu godhe.
2SA 9:6 Akaakoon Saa'olii ilmi Yonaataanii Mefii-Bosheet gara Daawitii dhufee, ulfinna isaatiif gad lafatti gombifamee nageya fuudhe; Daawitille, «Mefii-Bosheet» jedhee waame; innille, «Kunoo ani tajaajilaan keeti» jedheen.
2SA 9:7 Daawiti deebisee, «Hin sodaatin! Marroo abbaa keetii Yonaataaniitiif jedhee ani dhugumaan si'iif waan dansaa hin godha; lafa akaakoo keeti Saa'olii mara si'iif hin deebisa; yennaa mara qorii tiyya keessaa hin nyaatta» jedheen.
2SA 9:8 Mefii-Bosheet gad lafatti gombifamee, «Ana nama akka saree duuteetitti laakkowamuuf, ta ati waan dansaa akkasii gootuuf, ani tajaajilaan keeti eennu inni?» jedhe.
2SA 9:9 Achiin duuba mootichi tajaajilaa Saa'olii Ziibaa waamee, «Ani waan qabeenna Saa'oliitii fi maatii isaa te'e mara Mefii-Bosheetii akkaakoo goottaa keetii Saa'oliitiif kenneera.
2SA 9:10 Ati, ilmaan teetii fi tajaajiltooti teeti akaakoon goottaa keetii waan nyaatu akka dhaggatu lafa isaaf qota'aatii midhaan isaaf galcha'a! Akaakoon goottaa keetii Mefii-Bosheet ammoo yennaa mara qorii tiyya keessaa nyaata» jedhe; Ziibaan ilmaan kudhanii shanii fi tajaajiltoota diddama qabaayyu.
2SA 9:11 Achiin duuba Ziibaan mootichaan, «Waan goottaan kiyya mootichi tajaajilaa ifii ajaje mara, ani tajaajilaan keeti hin huja» jedhe; maarre Mefii-Besheet akkuma ilmaan mootichaa qorii Daawitii keessaa nyaataayyu.
2SA 9:12 Mefii-Bosheet ilma dargaggeessa, «Miikaa» jedhamu tokko qabaayyu; namooti maatii Ziibaa keessa jiranu marti tajaajiltoota Mefii-Bosheetii te'ane.
2SA 9:13 Mefii-Bosheet yennaa mara qorii mootichaa keessaa waan nyaatuuf, Yerusaalem keessa le'aayyu; inni miila lamaanuu naafa.
2SA 10:1 Kanaan duuba mootiin Amoonotaa duunaan, ilmi isaa Hanuun addee isaatitti mootii te'e.
2SA 10:2 Daawiti, «Abbaan isaa naaf waan dansaa akkuma godhe, anille ilma Nahaashii Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee hede; maarre marroo du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanu, Daawiti namoota erge; namooti Daawiti erge gara lafa Amoonotaa yennaa dhufane,
2SA 10:3 qondaaltoti Amoonotaa goottaa ifii Hanuuniin, «Daawiti namoota ergee si jajjabeessiis, du'a abbaa keetiitiif gaddee seetaa? Namooti inni erge qachaa akka qorqoranee, dooyanee akka balleessanuuf motii?» jedhane.
2SA 10:4 Maarre Hanuun namoota Daawiti erge san qabee areeda isaanii ka gara tokkoo irraa haadisiise; woyaa isaaniille haga hidha isaaniititti irraa cirsiisee isaan ari'e.
2SA 10:5 Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, namooti guddoo waan fokkifataneeranuuf, «Haga areedi keessan latutti Yerikoo tura'aatii, achiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedhee namoota isaanitti erge.
2SA 10:6 Amoonoti akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane, qachaa Bet-Rehoobiitii fi qachaa Zobaatiitiin loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma diddama, mootiin Ma'akaa namoota isaa kuma tokko woliin, qachaa Xoobii keessalle'ee namoota kuma kudhanii lama qaxaratane.
2SA 10:7 Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, loltoota lolaan beekkamane mara woliin Yo'aab erge.
2SA 10:8 Amoonoti bayanee balbala seensuma karra qachaa isaanii duratti addee qabatane; worri Sooriya'aa ka qachaa Zoba'aatii fi ka qachaa Bet-Rehoobii akkasuma namooti qachaa Xoobiitii fi namooti Ma'akaa qofuu diida keessatti addee qabatane.
2SA 10:9 Yo'aab duraa fi duubaan loltoota diinaatiin akka marfame yennaa dhagge, loltoota Israa'elii keessaa loltoota gootota filee worra Sooriya'aa akka lolanuuf erge.
2SA 10:10 Worra hafe irratti obboleessa ifii Abiishaayi ajajaa godhee Amoonota akka lolanuuf erge.
2SA 10:11 Yo'aab obboleessa ifiitiin, «Worri Sooriya'aa yoo natti jabaate, ati na hin qarqaarta; worri Amoonotaa ammoo yoo sitti jabaatane ani dhufee si hin qarqaara.
2SA 10:12 Jabaadhu! Kolbaa teennaa fi qachoota Waaqa keennaatiif jannuma'aan lolluu ti. Mootiin Waan Maraa waan isa duratti dansaa te'e hin godha» jedhe.
2SA 10:13 Achiin duuba Yo'aabii fi loltooti isa woliin jiranu worra Sooriya'aa lolane; worri Sooriya'aalle isaan duraa baqate.
2SA 10:14 Worri Sooriya'aa akka baqatiisatti jiranu worri Amoonotaa yennaa dhaggane, isaanille Abiisaayi duraa baqatanee qachaa keessa timane; maarre Yo'aab Amoonota loliisa lakkisee gara qachaa Yerusaalemii deebi'e.
2SA 10:15 Worri Sooriya'aa akka Israa'elootaan injifatamane yennaa beekane ammalle wolitti qabane.
2SA 10:16 Mootichi Hadaad-Ezer namoota ergee worra Sooriya'aa ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu akka fidanu godhe; isaan Shofaakii ajajaa loltoota Hadaad-Ezeriitii sooreffamanee gara qachaa «Helaam» jedhamuu dhaqane.
2SA 10:17 Daawiti tana yennaa dhage'e, Israa'eloota mara wolitti qabee, Yordaanos gamatti bu'anee bayanee gara qachaa, «Helaam» jedhamu sanii dhaqane; worri Sooriya'aa hiriiranee Daawiti lolane;
2SA 10:18 te'uu malee Israa'eloota duraa baqatane; Daawiti namoota isaanii keessaa worra garreettaa fardaan harkifamu oofu dhibba torbaa fi loltoota miilaa kuma afurtama ijjeese; inni ajajaa loltoota isaanii Shofaakille ijjeese.
2SA 10:19 Moototi Hadaad-Ezer tajaajilanu marti akka Israa'elootaan injifatamane yennaa dhaggane, Israa'eloota woliin wolii galanee isaan tajaajilane; maarre worri Sooriya'aa yennaa sanii jalqabanee worra Amoonotaa qarqaariisa sodaatane.
2SA 11:1 Ji'a furmaataa bara moototi lolaaf baatu, Daawiti qondaaltota ifiitii fi loltoota Israa'elootaa mara woliin Yo'aab duula erge; isaan Amoonota balleessanee qachaa «Raabaat» jedhamu marsane; Daawiti ammoo Yerusaalem keessatti hafeeraayyu.
2SA 11:2 Gaafa tokko galgala Daawiti taqee ifii irraa ka'ee heellichoo mana mootumma'aa gubbaa asii achi deddeebi'aa adoo jiruu dubartiin takka nafa dhiqatiisatti jirtuun dhagge; isiin guddoo miidhaddu'u.
2SA 11:3 Daawiti nama itti ergee marroo isi'ii akka qoratu godhe; namichi deebisee, «Isiin niitii Uriiyaa nama biyya Heetii, intala Elii'aamii Baat-Sheeba'aa motii?» jedhe.
2SA 11:4 Achiin duuba nama itti ergee akka isii fidanu godhe; isiin isa bira yennaa dhutte aadaa seera dubarti'ii irraa qulqulloonteertiiyyu; Daawitille isii woliin rafe; achiin duuba isiin gara manaa deente.
2SA 11:5 Dubartittiin ulfoottee, «Ani si'iif ulfoyeera» jettee Daawititti ergitee hinte.
2SA 11:6 Maarre Daawiti Yo'aabiin, «Uriiyaa nama biyya Heetii gara kiyya ergi» jedhee dhaansa itti erge; Yo'aabille isa gara Daawitii erge.
2SA 11:7 Uriiyaan gara isaa yennaa dhufe, Daawiti, nageya Yo'aabiitii fi loltootaa, oduu lolaalle isa gaafate.
2SA 11:8 Achiin duuba Daawiti Uriiyaan, «Gara mana keetii dhaqiitii miila keeti dhiqadhuu foorfadhu» jedhe; maarre Uriiyaan mana mootumma'aatii baye; mootichille kennansa isa gula erge.
2SA 11:9 Uriiyaan ammoo tajaajiltoota goottaa ifii mara woliin balbala karra mana mootumma'aa dura rafe malee gara mana ifii hin deenne.
2SA 11:10 Uriiyaan gara mana ifii akka hin deenne Daawititti yennaa himane, Daawiti isaan, «Ati karaa fago'oo dhuttee motii? Maaf gara mana keetii hin deemin?» jedhee gaafate.
2SA 11:11 Uriiyaan Daawitiin, «Saanduqi Gondooro'oo, Israa'elii fi Yihudaan dunkaanii keessa jiranuun, goottaan kiyya Yo'aabii fi namooti goottaa kiyyaa diida qubatanee jiranuun, ani nyaadhee uniisaaf, niitii tiyya wolille'een rafiisaaf attamiin gara mana kiyyaa deema ree? Lubbuu teetiin kakadha, ani waan akkanaa hin godhu!» jedhe.
2SA 11:12 Achiin duuba Daawiti isaan, «Ani boru si geegessaatii, adha asuma buli!» jedhe; maarre Uriiyaan guyyaa sanii fi guyyaa itti aanulle achuma Yerusaalem keessa ture.
2SA 11:13 Achiin duuba Daawiti Uriiyaa waamee, isa woliin nyaatee unee akka inni machowu godhe; galgala ammoo Uriiyaan dhaqee odduu tajaajiltoota goottaa ifii afinaa ifii irra bule malee gara mana ifii hin deenne.
2SA 11:14 Boruyyaa ganama Daawiti xalayaa Yo'aabiif barreessee nami Uriiyaa jedhamu akka geessu godhe.
2SA 11:15 Inni xalayaa san keessatti, «Uriiyaa addee lolli jabaate ergi; achiin duuba lola san keessatti akka inni du'uuf isa lakkisa'aa baqadha'a» jedhee barreesse.
2SA 11:16 Maarre Yo'aab qachaa yennaa marse, karaa lolli jabaate san Uriiyaa erge.
2SA 11:17 Namooti qachaa sanii dhufanee Yo'aab woliin yennaa wol lolane, namoota Daawitii keessaa gariin du'ane; Uriiyaan nami biyya Heetiille du'e.
2SA 11:18 Yo'aab nama ergee oduu lolaa mara Daawititti hime.
2SA 11:19 Nama Daawititti erge saniin, «Oduu lolaa kana mootichatti hinteen duuba,
2SA 11:20 mootichi aaree bobe'ee, ‹Isin lolaaf maaf akkana gara qacha'aa dhikaattane? Dalleya qacha'aa gubba'aa daaya akka isinitti gad lakkisanu hin beettanuu?
2SA 11:21 Ilma Yeruu-Besheetii Abiimelek eentu ijjeese? Dubartii takkatti dalleya dhaka'aa irraa ilmaachuu daaku'uu darbattee qachaa Tebezitii keessatti isa ijjeettee motii? Isin maaf dalleya dhaka'aa sanitti akkana dhikaattane?› jedhee yoo si gaafate, ati deebisiitii, ‹Tajaajilaan keeti nami biyya Heetii Uriiyaalle du'eera› jedhii itti himi» jedhe.
2SA 11:22 Maarre nami ergame sun dhaqee, yennaa achi geye, ergaa Yo'aabii mara Daawititti hime.
2SA 11:23 Nami ergame sun Daawitiin, «Diinoti keenna nutti jabaatanee, nu loliisaaf haga diidaa dhufaneeran; nuuti ammoo haga seensuma karra qacha'aa isaan ariinee deebinne.
2SA 11:24 Achiin duuba worri daayaan lolu dalleya dhaka'aa irraa tajaajiltoota teeti irratti daaya gad lakkisanee tajaajiltoota mootichaa keessaa garii ijjeesane; tajaajilaan keeti nami biyya Heetii Uriiyaalle du'eera» jedhe.
2SA 11:25 Daawitille nama ergamee dhufe saniin, «Yo'aabiin, ‹Lola keessatti eennutti akka du'u dursanee waan hin beenneef, ati tanaan hin gaddiniitii jabaadhu. Hunna teeti jabeeffadhuutii, qachaa san lolii balleessi› jedhii isa jajjabeessi» jedhe.
2SA 11:26 Niitiin Uriiya'aa abbaan manaa isi'ii akka du'e yennaa dhageette, gadditee bootte.
2SA 11:27 Yennaan isiin gaddite dabareen duuba, Daawiti nama itti ergee gara mana ifii akka isii fidanu godhe; isiille haadha manaa isaaf teetee ilma isaaf deette; te'uu malee wonni Daawiti godhe kun Mootii Waan Maraa hin gammachiinne.
2SA 12:1 Mootiin Waan Maraa raagicha Naataan gara Daawitii erge; Naataan gara Daawitii dhufee, «Namooti lama qachaa tokko keessa le'anu jiraniiyyu; isaan keessaa tokkochi dureessa, kuun ammoo hiyyeessa.
2SA 12:2 Namichi dureessichi hoole'ee fi hoorii bacaa qaba;
2SA 12:3 hiyyeessichi ammoo ilmee hoole'ee ta bitate takka malee, waan tokkolle hin qabu; inni isii san kunuunsee ijoollee isaa woliin guddatte; isiin isa woliin nyaataa unaa bobaa isaa jala bultiiyyu; isiin isaaf akkuma intala isaa ti.
2SA 12:4 Guyyaa tokko keessummaan tokko gara mana namicha dureessichaa dhufe; namichi dureessichi sun keessummaa gara isaa dhufe saniif hoolee yookiin hoorii ifii keessaa tokko qalee nyaachisiisa hin barbaanne; garuu ilmee hoole'ee ta namicha hiyyeessa sanii nama keessummaa mana isaa dhufe saniif qalee sagalee qopheesse» jedhe.
2SA 12:5 Daawiti namicha sanitti guddoo aaree, Naataaniin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Namichi akkana godhe sun du'uu qaba!
2SA 12:6 Inni marartii malee tana waan godheef, addee ilmee hoolee sanii hoolee afur kaffaluu qaba» jedhe.
2SA 12:7 Achiin duuba Naataan Daawitiin, «Nami sun si'uma! Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani akka ati Israa'el irratti mootii teetuuf si muude, harka Saa'olii jalalle'ee si baase;
2SA 12:8 mootummaa goottaa keetii si'iif kenneera; niitota goottaa keetille si'iif kenneera; mootii Israa'eliitii fi Yihuda'aa akka teetuufille si godheera; tun adoo si hanqattee jiraatte tana caalaa si'iif hin kennaayyu.
2SA 12:9 Ati Uriiyaa nama biyya Heetii, shallaagaa Amoonotaatiin ijjeesisiittee, niitii isaa ifii fuutee, waan hantuu akkanaa Mootii Waan Maraa duratti hujiisaan jecha Mootii Waan Maraa maaf tuffatte ree?
2SA 12:10 Ati na tuffattee niitii Uriiyaa nama biyya Heetii fuutee niitii keeti godhatteerta; tanaaf haga bara baraa shallaagaan sanyii teeti irraa hin fagaatu› jedha.
2SA 12:11 Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani manuma keeti keessaa badii sitti hin fida; ati adoo dhaggituu niitota teeti si jalaa fuudhee nama fira keeti ka aante'eetiif hin kenna; inni guyyumaan niitota teeti woliin hin rafa.
2SA 12:12 Ati waan akkanaa dhossa'aan goote; ani ammoo waanuma kana guyyumaan Israa'eloota duratti hin godha› jedha» jedhe.
2SA 12:13 Achiin duuba Daawiti Naataaniin, «Ani Mootii Waan Maraa yakkeera» jedhe. Naataan deebisee, «Mootiin Waan Maraa yakkaa keeti si'iif dhiiseera; ati hin duutu.
2SA 12:14 Te'uu malee ati tana godhiisaan diinoti Mootii Waan Maraa akka isa tuffatanu waan gooteef, ilmi si'ii dhalate hin du'a» jedhe.
2SA 12:15 Naataan gara mana ifii deemeen duuba Mootiin Waan Maraa ilma niitiin Uriiyaa Daawitiif deette akka malee akka dhibamu godhe.
2SA 12:16 Daawiti marroo muca'aatiif laamee Mootii Waan Maraa daadimate; gara kolloo taqee ifii seenee galgala mara lafa rafe.
2SA 12:17 Jaarsoleen mana isaa keessa jirtu lafaa isa ol kaasiisaaf cinaa isaa dhaabbatte; inni ammoo didate; isaan wolille'een sagalee hin nyaanne.
2SA 12:18 Guyyaa torbeesso'oo mucaan du'e; tajaajiltooti Daawitii, «Mucaan adoo jiruu waan nuuti isatti hinne Daawiti hin dhageenne; amma mucaan akka du'e attam Daawititti himuu dandeenna ree? Inni ifi miidhuu dande'a» jedhanee mucaan akka du'e Daawititti himuu sodaatane.
2SA 12:19 Daawiti tajaajiltooti isaa wolitti hasaasaa dubbattuun dhage'e; mucaan akka du'e beekee, «Mucaan du'ee?» jedhee gaafate; Isaanille, «Eeti'i, du'eera» jedhanee deebisane.
2SA 12:20 Achiin duuba Daawiti lafaa ol ka'ee, dhiqatee, iffatee woyaa jijjiirateen duuba, gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee Mootii Waan Maraatiif sagade. Achiin duuba gara mana ifii dhaqee, sagalee akka isaaf dhikeessanu gaafate; isaan sagalee isaaf dhikeessane; innille nyaate.
2SA 12:21 Tajaajiltooti isaa, «Mucaan adoo jiruu laantee isaaf bootte; mucaan du'een duuba kaatee sagalee nyaatte; ati maaf akkana goote?» jettee isa gaafatte.
2SA 12:22 Innille deebisee, «Mucaan adoo jiruu, ‹Eentu beeka? Mootiin Waan Maraa gadhaa naaf laafee mucaa hin hambura fa'a› jedhee laamee daadimadhee bowe.
2SA 12:23 Amma ammoo mucaan eega du'e maaf laama ree? Ani isa deebisee lubbu'uun akka jiraatu godhuu hin dande'aa? Anattuu gara isaa dhaqa malee inni gara kiyya hin deebi'u» jedhe.
2SA 12:24 Achiin duuba Daawiti haadha manaa ifii Baat-Sheebaa jajjabeesse; gara isi'ii dhaqee isii woliin rafe; isiille ilma deettee, inni maqaa isaa Solomoon baase; Mootiin Waan Maraalle isa jaalate.
2SA 12:25 Mootiin Waan Maraa isa waan jaalateef maqaan muca'aa, «Yidiidiyaa» akka jedhamu karaa raagicha Naataaniitiin jecha erge.
2SA 12:26 Yennaa san Yo'aab qachaa Amoonotaa Raabaa lolee, kushee mana mootumma'aa qabate.
2SA 12:27 Achiin duuba Yo'aab gara Daawitii nama ergee, «Ani qachaa Raabaa lolee, addee worri qacha'aa bisaan woraabbatu qabadheera.
2SA 12:28 Ani qachaa qabadhee maqaa kiyyaan akka hin moggaafanne, ati amma loltoota hafane wolitti qabadhuutii qachaa marsii qabadhu» jedhee itti hime.
2SA 12:29 Maarre Daawiti loltoota ifii mara wolitti qabatee, gara qachaa Raabaa duulee lolee qabate.
2SA 12:30 Kallacha mooticha isaanii, ka kiiloogiraama soddomii afur te'e, ka dhakaa gatii guddo'ootiin hujamee seefame, mataa isaa irraa fudhatee mataa ifii irra keyate; qachaa keessalle'ee waan bacaa booji'e.
2SA 12:31 Inni kolbaa achi keessa jirtu gad baasee magaazi'iin, qotto'oo fi agara'aan hujii hunnaa akka hujanu godhe; biyyee faaraa loobanee xuubii akka hujanu godhe. Inni qachaa Amoonotaa mara keessatti tana huje. Achii duuba Daawitii fi loltooti isaa marti gara Yerusaalemii deebi'ane.
2SA 13:1 Ilmi Daawiti Abiishaalom obboleettii dansittii, «Taamaar» jedhantu qabaayyu; ilmi Daawitii Amnoon isii jaalate.
2SA 13:2 Isiin durra banti'ii waan teeteef, Amnoon akka te'ee isii bira gewu waan hin qabaatiniif, jaalala obboleettii ifii Taamaariitiin qabamee guddoo dhibame.
2SA 13:3 Inni jaala, «Yonaadaab» jedhamu tokko qabaayyu; inni ilma Shime'aa obboleessa Daawitii ti; Yonaadaab nama guddoo maltee te'e.
2SA 13:4 Inni, «Ee, ilma mootichaa, ati guyyuma guyya'aan maaf huqqata? Natti hin hintuu?» jedhee Amnoon gaafate. Amnoon deebisee, «Ani jaalala Taamaarii obboleettii obboleessa kiyya Abiishaalomiitiin, qabamee ti» jedhe.
2SA 13:5 Yonaadaab isaan, «Ati akka dhibantee, taqee irra irkadhu; abbaan keeti si gaafatiisaaf yennaa dhufe, ‹Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee waan ani nyaadhu naaf kennituu ti; asi na biratti sagalee hujjee qopheessitee harka ifiitiin na nyaachittuu ti› jedhiin» jedhe.
2SA 13:6 Maarre Amnoon akka dhibamee, taqee ifii irra irkate; mootichi isa gaafatiisaaf yennaa dhufe, inni mootichaan, «Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee, na duratti daabboo bilcheessitee harka ifiitii akka na nyaachittu barbaada» jedhe.
2SA 13:7 Achiin duuba Daawiti gara mana mootumma'aa Taamaaritti nama ergee, «Gara mana obboleessa keeti Amnoonii dhaqiitii sagalee isaaf qopheessi» jedhe.
2SA 13:8 Maarre Taamaar gara mana obboleessi isi'ii Amnoon irkateeruu dhaxxe; bullaa diqqoo fuutee bukeesitee isa duratti daabboo bilcheessite.
2SA 13:9 Achiin duuba daabboo bilcheessite san eelee irraa fuutee isaaf dhikeessite; inni ammoo nyaatiisa didatee, «Nama mara asii gad baasa'a» jedhe; nami martinuu isa biraa gad bayane.
2SA 13:10 Achiin duuba Amnoon Taamaariin, «Ani harka keeti irraa akka nyaadhuuf sagalee gara kolloo taqee tiyyaa fidi» jedhe; Taamaar daabboo bilcheessite san fuutee gara kolloo taqee obboleessa ifii Amnoonii geessitte.
2SA 13:11 Yennaa isiin sagalee isaaf dhikeessite ammoo isii qabee, «Obboleettii tiyya koy na woliin irkadhu!» jedhe.
2SA 13:12 Isiin isaan, «Lakkii obboleessa kiyya, na hin salphisin! Wonni akkasii Israa'el keessatti godhamee hin beeku; waan hantuu tana hin godhin!
2SA 13:13 Yoo na salphitte, ani maan te'a? Eessa gora? Atille maan teeta? Ati biyya Israa'elii keessatti salphicha hin teeta. Maganne'e mootichatti himadhu; inni akka ani si heerumu hin dhooggu!» jette.
2SA 13:14 Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee, isii caalaa hunnaamessa waan te'eef, hunnaan isii gurra balleesse.
2SA 13:15 Achiin duuba Amnoon akka malee isii jibbe; inni haga qara isii jaalate caalaa isii jibbee, «Ka'ii asii gad bayi!» jedhe.
2SA 13:16 Isiin ammoo, «Lakkii, na manaa baasuun keeti yakkaa na irratti hujje caalaa cubbuu hujja» jette. Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee,
2SA 13:17 tajaajilaa ifii tokko waamee, «Dubartii tana asii gad baasiitii balbala itti cufi!» jedhe.
2SA 13:18 Maarre tajaajilaan isaa sun gad isii baasee balbala itti cufe; isiin yennaa san woyaa durri mootichaa ta banti'ii dur uffattu uffatteertiiyyu.
2SA 13:19 Taamaar daadhaa mataa ifii irratti firfiffattee, woyaa uffatte san tarsaatte; mataa ifii qabattee bowaa deente.
2SA 13:20 Obboleessi isi'ii Abiishaalom isi'iin, «Obboleessi keeti sun Amnoon si woliin jiraayyuu? Obboleettii tiyya cadhisi, inni obboleessa keeti waan te'eef, dubbii tana gadhaa keeti keessatti hin qabatin» jedhe; Taamaar salphattee nama irraa adda baatee mana Abiishaalomii obboleessa ifii keessa leete.
2SA 13:21 Mootichi Daawiti oduu tana mara yennaa dhage'e, guddoo aare.
2SA 13:22 Abiishaalom sababa Amnoon obboleettii isaa Taamaar salphiseef isa jibbee, waan hantu'uu fi dansaa tokkolle isatti hin dubbanne.
2SA 13:23 Woggaa lamaan duuba Abiishaalom qachaa Ba'aal-Hazoorii ka meessaa biyya Efreemii bira jirutti hoolee ifii irraa rifeensa yennaa quxu, ilmaan mootichaa mara achi waame.
2SA 13:24 Abiishaalomille gara mootichaa dhaqee, «Ani tajaajilaan keeti hoolota tiyya irraa rifeensa waan quxuuf, atii fi qondaaltoti maganne'e kowa'a!» jedhe.
2SA 13:25 Mootichi Daawiti ammoo Abiishaalomiin, «Lakkii ilma kiyya, nuuti marti hin dhunnu; nuuti marti yoo dhunne, ba'aa si irratti hin teena» jedhe; Abiishaalom isa jabeessee kadhatulle inni dhaqiisa hin barbaanne; garuu isa eebbisee geegesse.
2SA 13:26 Achiin duuba Abiishaalom, «Ati yoo hin dhaqin, obboleessi kiyya Amnoon nu woliin dhaquu ti!» jedhe. Mootichi Daawiti, «Inni maaf isin woliin dhaqa?» jedhee gaafate.
2SA 13:27 Abiishaalom ammoo jabeessee isa waan kadhateef, mootichi Daawiti ilma ifii Amnoonii fi ilmaan ifii ta dhibii mara Abiishaalom woliin akka deemanu erge.
2SA 13:28 Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Amnoon daadhii woyni'ii unee yennaa machowe, ani isiniin, ‹Isa dhowa'aatii ijjeesa'a!› hin jedha; anattuu isin ajaje hin sodaatina'a! Jabaadha'a» jedhee ajaje.
2SA 13:29 Maarre tajaajiltooti Abiishaalomii akkuma inni isaan ajaje Amnoon ijjeesane; achiin duuba ilmaan mootichaa marti gaangolee ifii irra teettee baqatte.
2SA 13:30 Isaan karaa irra adoo jiranuu, Daawiti, «Abiishaalom ilmaan mootichaa mara fixe; nami tokkolle hin hanne» oduu jettu dhage'e.
2SA 13:31 Mootichi Daawiti ka'ee dhaabbate; gaddee woyaa ifii tarsaasee jige; tajaajiltooti isaalle martinuu gaddanee woyaa ifii tarsaasanee isa bira dhaabbatane.
2SA 13:32 Obboleessi Daawitii ilmi Shime'aa Yonaadaab ammoo Daawitiin, «Goottaa kiyya, ‹Ilmaan tiyya mara ijjeesaneeran› jettee hin yaadin; haga Amnoon obboleettii Abiishaalomii Taamaar gurra balleesseen jalqabee Abiishaalom kutatee waan ka'eef, nami du'e Amnoon calla'a.
2SA 13:33 Nami du'e Amnoon callaa waan te'eef, goottaan kiyya oduu, ‹Ilmaan mootichaa mara ijjeesaneeran› jedhanee odeessane hin addatin» jedhe.
2SA 13:34 Yennuma san Abiishaalomille baqate. Nami qachaa eegu tokko ol yoo ilaalu namooti bacaan karaa gara aduun seentuun cinaa gaaraatii gad bu'anuun dhaggee, «Karaa Horonaayimiitiin namooti bacaan cinaa gaaraatii gad bu'iisatti jiran» jedhee mootichatti hime.
2SA 13:35 Yonaadaab mooticha Daawitiin, «Akkuma ani tajaajilaan keeti jedhe kunoo, ilmaan keeti dhufaneeran» jedhe.
2SA 13:36 Adoo inni dubbatee, hin fixin ilmaan mootichaa wiiccifataa bowaa dhufane; mootichii fi tajaajiltooti isaa marti guddoo wiiccifatanee bowane.
2SA 13:37 Abiishaalom baqatee gara Talmaayii ilma Amiihudii mootii biyya Geshuurii deeme; Daawiti ammoo ilma ifii ka du'e saniif yennaa mara bowa.
2SA 13:38 Abiishaalom baqatee gara biyya Geshuurii dhaqeen duuba, woggaa sad achi tee'e.
2SA 13:39 Mootichi Daawiti gadda ilma ifii ka Amnoonii irraa jajjabaateen duuba, Abiishaalom dharra'e.
2SA 14:1 Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab akka mootichi Daawiti Abiishaalom dharra'eeru beeke.
2SA 14:2 Maarre Yo'aab gara qachaa Teqo'aa nama ergee, dubartittii qaroo takka akka fidanu godhee, isi'iin, «Akka nama gadda irra jiruu woyaa gaddaa uffadhu; waan tokkolle hin iffatin; akka dubartii yennaa bacaa nama du'eef gadditeertu fakkaadhu.
2SA 14:3 Achiin duuba gara mootichaa dhaqiitii, dubbii ani sitti himu tana isatti dubbadhu» jedhee waan isiin dubbattu isi'itti hime.
2SA 14:4 Dubartiin qachaa Teqo'aa sunille gara mootichaa dhaxxee, ulfinna isaatiif lafatti gad gombifantee, «Ee mooticha, maganne'e na gargaar» jette.
2SA 14:5 Mootichille, «Maan rakkatte?» jedhee isii gaafate. Isiille, «Ani dhugumaan haadha hiyyeessaa ka abbaan manaa irraa du'e.
2SA 14:6 Ani tajaajiltuun teeti ilmaan dhiiraa lama qabaayyu; isaan lamaanuu diida keessatti wol lolanee nami isaan wol irraa dhooggu waan hin jirreef, tokkochi kaan dhowee ijjeese.
2SA 14:7 Kunoo amma firri duudiin ana tajaajiltuu teeti irratti ka'ee, ‹Ilma keeti ka obboleessa ifii ijjeese san ijjeennee haluu akka baanuuf nutti dabarsii kenni; achiin duuba atille dhaala malee hatta› naan jedhan; isaan ilma kiyya ka anaaf hafe tokkocha ka akka qaanqee ibiddaa san na jalaa balleessanee, maqaa yookiin sanyii abbaa manaa kiyyaa lafa irraa hin balleessan» jette.
2SA 14:8 Mootichille isi'iin, «Ani marroo haajaa keetii ajaja hin baasa, ati gara mana keetii deemi!» jedhe.
2SA 14:9 Dubartiin qachaa Teqo'aa sun ammoo mootichaan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, marroo dubbii tanaatiif, anii fi maatiin tiyya itti gaafatannuu ti; atii fi mootummaan teeti itti hin gaafatantanu» jette.
2SA 14:10 Mootichille isi'iin, «Eennulle waan tokko yoo sitti dubbate, gara kiyya isa fidi; inni deebi'ee si hin rakkisu» jedhe.
2SA 14:11 Isiille, «Worri haluu bawu ilma kiyya ka hafe ijjeesanee badii badii caalte akka hin hunye, mooticha maganne'e, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin naaf kakadhu» jette. Mootichi deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, mataa mucaa keetii irraa rifeensi tokkolle lafa hin bu'u» jedheen.
2SA 14:12 Achiin duuba dubartittiin, «Ani tajaajiltuun teeti dubbii tokko si mooticha goottaa kiyyatti dubbadha» jette. Innille deebisee, «Dubbadhu!» jedhe.
2SA 14:13 Dubartittiille, «Ati ilmi keeti addee baqatee akka deebi'u waan hin godhiniif, ifi irratti muraa kennitee motii ree? Waan akkasii kolbaa Waaqaa irratti maaf yaadatte?
2SA 14:14 Akkuma bisaan dhangala'ee deebi'ee hin woraabbanne, nuuti martinuu hin duuna; Mootiin Waan Maraa nami baqatee biyyaa baye, akka isa irraa hin fagaanne karaa inni deebi'u qopheessa malee lubbuu isaa hin balleessu.
2SA 14:15 Ani amma kolbaan waan na sodaachitteef tana goottaa kiyya mootichatti himiisaaf dhufeera; ani tajaajiltuun teeti, ‹Waan ani mootichatti dubbadhu inni naaf hin muummessa fa te'a;
2SA 14:16 harka worra anaa fi mucaa kiyya dhaala Waaqi nu'uuf kenne irraa nu kaasuu barbaaduu jalaa hin baasa fa te'a› jedhee waan yaadadheef, haajaa kiyya sitti himadheera.
2SA 14:17 Ani tajaajiltuun teeti ammalle, ‹Goottaan kiyya mootichi hama'aa fi dansaa gargar baasiisaan, akka ergamaa Waaqaa waan te'eef, dubbiin goottaa kiyyaa na jajjabeessituu ti› jedhee hin addadha. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jiraatuu ti» jette.
2SA 14:18 Achiin duuba mootichi dubartitti'iin, «Waan ani si gaafadhu, atille deebii na hin dhossin» jedhe. Isiille deebittee, «Goottaa kiyya mooticha, waan feete na gaafadhu!» jette.
2SA 14:19 Mootichille, «Tana mara akka ati dubbattu Yo'aabitti sitti himee?» jedhee isii gaafate. Dubartittiille deebittee, «Dhugaa lubbuu teeti goottaa kiyya mootichaatiin kakadha, waan ati dubbatte irraa nami gara bita'aa yookiin gara middaa deebi'u hin jiru; eeti'i, tana akka ani godhu, dubbii tana maralle ana tajaajiltuu teetitti nami hime, tajaajilaa keeti Yo'aab.
2SA 14:20 Tajaajilaan keeti Yo'aab haajaa jiru mara jijjiiriisaaf tana godhe; goottaa kiyyaa, ati ammoo qarummaa akka ergamaa Waaqaa waan qadduuf, waan lafa irratti te'u mara hin beetta» jette.
2SA 14:21 Mootichille Yo'aabiin, «Guddoo dansa'a! Ani waan ati jette hin godha; dhaqiitii Abiishaalomii dargaggeessicha san fidi» jedhe.
2SA 14:22 Yo'aab ulfinna mootichaatiif lafatti gad gombifamee, mooticha eebbise; Yo'aab ammalle, «Goottaa kiyya, ati kadhaa tajaajilaa keetii waan dhageetteef, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama akka dhaggadhe adha beeke» jedhe.
2SA 14:23 Achiin duuba Yo'aab gara biyya Geshuurii dhaqee, Abiishaalom deebisee gara Yerusaalemii fide.
2SA 14:24 Mootichi ammoo, «Inni gara mana ifii dhaquutii malee ani ila tiyyaan isa hin dhaggin» jedhe; maarre Abiishaalom gara mana ifii deeme malee ila mootichaa hin dhaggine.
2SA 14:25 Israa'eloota mara keessatti nami akka Abiishaalomii miidhagu hin jiruuyyu; rifeensa mata'aatii haga faana miilaa komii hin qabu.
2SA 14:26 Rifeensi mataa isaa yennaa isatti ulfaate wogga'atti yennaa tokko quxataayyu; rifeensi mataa isaa ka quxame yennaa madaalamu gara kiiloogiraama lamaa ol te'a.
2SA 14:27 Abiishaalom ilmaan sadii fi intala durra takka ta, «Taamaar» jedhantu uumate; isiin intala guddoo miidhaddu.
2SA 14:28 Abiishaalom ila mootichaa adoo hin dhaggin, woggaa lama Yerusaalem keessa le'e.
2SA 14:29 Achiin duuba Abiishaalom gara mootichaa isa ergatiisaaf, nama itti ergee Yo'aab waansise; Yo'aab ammoo gara isaa dhufiisa didate; maarre Abiishaalom ammalle nama itti erge; Yo'aab ammalle dhufiisa didate.
2SA 14:30 Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, fichaan Yo'aabii fichaa kiyyatti aanee jira; inni fichaa ifii keessaa garbuu waan qabuuf dhaqa'aatii ibidda itti naqa'a» jedhe; maarre tajaajiltooti Abiishaalomii fichaa Yo'aabiititti ibidda naqane.
2SA 14:31 Achiin duuba Yo'aab gara mana Abiishaalomii dhaqee, «Tajaajiltooti teeti fichaa kiyyatti maaf ibidda naqane?» jedhee gaafate.
2SA 14:32 Abiishaalom Yo'aabiin, «Kunoo, ani akka ati mooticha bira naaf dhaxxee, ‹Ani Geshuurii maaf dhufe? Haga ammaa adoo achuma jiraadhee naaf woyya jedheera› jettee akka isatti hintuuf nama sitti ergadhe; ani amma ila mootichaa dhagguu barbaada; yakkaa yoo qabaadhe inni na ijjeesuu ti!» jedhe.
2SA 14:33 Maarre Yo'aab gara mootichaa dhaqee tanuma isatti hime; achiin duuba mootichi Abiishaalom waansise; innille dhufee mooticha duratti lafatti gad gombifame; mootichille Abiishaalom sunqate.
2SA 15:1 Kanaan duuba Abiishaalom garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo, namoota shantama isaan dura fiiganu qopheeffate.
2SA 15:2 Abiishaalom ganama ka'ee karaa gara seensuma karra qacha'aa geessu cinaa dhaabbataayyu; eennulle nami haajaa qabu haajaa ifiitiif muraa dhaggatiisaaf gara mootichaa yennaa dhufu mara, Abiishaalom nama san waamee, «Ati qachaa kamii dhutte?» jedhee gaafata; nami sunille, «Ani tajaajilaan keeti gosa Israa'elii tokko keessaa dhufe» jedhee deebisa.
2SA 15:3 Achiin duuba Abiishaalom nama saniin, «Ilaa, haajaan keeti dhuga'a; sirri'ille'e, te'uu malee nami bakka bu'aa mootichaa te'ee haajaa keeti si'iif ilaalu hin jiru» jedha.
2SA 15:4 Abiishaalom itti dabalee, «Ani biyya irratti abbaa mura'aa adoo te'ee jiraadhee, nami haajaa qabu marti gara kiyya yennaa dhufe, ani muraa haqaa hin kennaayyu» jedha
2SA 15:5 Nami isa bira geyee yennaa isaaf gad lafatti gombifamu, Abiishalom harka ifii diriirsee qabee, hin sunqataayyu.
2SA 15:6 Abiishaalom Israa'eloota muraa haqaa dhaggatiisaaf gara mootichaa dhufanu maraaf tana godhee, Israa'eloota mara gara ifii deebifate.
2SA 15:7 Woggaa afuriin duuba Abiishaalom mootichaan, «Waadaa Mootii Waan Maraatiif gale geessiisaaf gara qachaa Kebroonii akka dhaqu naaf eeyyam!
2SA 15:8 Ani tajaajilaan keeti biyya Sooriya'aa qachaa Geshuurii keessa yennaa jiru, ‹Mootiin Waan Maraa gara Yerusaalemii yoo na deebise, ani Kebroonitti isaaf hin sagada› jedhee waadaa galeera» jedhe.
2SA 15:9 Mootichille isaan, «Nageyaan dhaqi» jedhe; maarre Abiishaalom gara qachaa Kebroonii dhaqe.
2SA 15:10 Achiin duuba Abiishaalom, «Isin qoonqoo tultulla'aa akkuma dhageettaneen, ‹Abiishaalom qachaa Kebrooniititti mootii te'eera› jedha'a!» jedhee ergantoota dhossa'aa gara gosa Israa'elii mara erge.
2SA 15:11 Yerusaalem keessaa namooti dhibbi lama Abiishaalom woliin deemane; isaan akka keessummumma'aatitti waamamanee, qajeelumma'aan deemane malee marroo haajaa tanaa waan tokkolle hin beekanuuyyu.
2SA 15:12 Abiishaalom ciincaa dhikeessiisatti adoo jiruu, Ahiitofel nami biyya Giloo ka Daawitiif gorsa kennutti gara isaa akka dhufuuf nama isatti erge; maarre malli Abiishaalom dhowe jabaatee, namooti isa gula deemanu ittuma bacatane.
2SA 15:13 Ergamaan tokko dhufee, «Israa'elooti marti gara Abiishaalomii deebi'aneeran» jedhee Daawititti hime.
2SA 15:14 Achiin duuba Daawiti bulchitoota ifii ta isa woliin Yerusaalem keessa jiranu maraan, «Nami tokkolle Abiishaalom jalaa bawuu waan hin dandeenneef, kowa'a hin baqanna! Ammumaa asii bawuu qanna; inni ariifatee dhufe yoo nu qabe, nu hin balleessa; namoota qachaa keessa jiranulle shallaaga'aan hin fixa» jedhe.
2SA 15:15 Bulchitooti mootichaalle deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti waan ati goottaan keenna filatte mara godhiisaaf qophoonneerra» jedhane
2SA 15:16 Mootichi Daawiti mana mootumma'aa akka eeganuuf gursumeeyyii kudhan lakkisee, maatii ifii maraa fudhatee baqate.
2SA 15:17 Maarre mootichi namoota isa woliin jiranu mara woliin bayee deeme; haga diqqoo fagaatanee deemaneen duuba, mana dhuma irra jiru tokko bira dhaabbatane.
2SA 15:18 Qondaaltoti isaa martinuu, Keretootii fi Pheletooti, worri qachaa Gaatii keessaa isa gula dhufanelle, namooti dhibbi jaa hiriiranee mootichaan dura dabarane.
2SA 15:19 Mootichi Daawiti nama biyya Gaatii Iitaayiin, «Ati maaf nu woliin deenta? Ati nama ormaa ka biyya keetii ari'antee dhutte; Deebi'iitii Abiishaalomii mooticha woliin turi!
2SA 15:20 Ati kalee dhutte; ani ifiifuu eessa akka deemaa jiru hin beeku; attamiin akka ati nu woliin joonjitu godha ree? Namoota keeti ta si gula jiranu woliinuu deebi'i; jaalalli bara baraatii fi addatamummaan si woliin jiraatanu» jedhe.
2SA 15:21 Iitaayi ammoo deebisee mootichaan, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Lubbuu teetiin kakadha! Du'aa fi jiruulle'een addee maratti waan goottaan kiyya te'u mara, ani tajaajilaan keetille hin te'a» jedhe.
2SA 15:22 Daawitille Iitaayiin, «Dansa'a! Naan dura deem» jedhe; maarre Iitaayi nami biyya Gaatii, namoota ifii maraa fi maatii ifii ta isa woliin jiranu woliin deeme.
2SA 15:23 Kolbaan marti yennaa dabaranu, namooti biyya sanii marti iyyanee bowane; mootichille dhooqa Qedroonii gamatti bu'ee baye; kolbaan marti gama buutee baatee goomolee keessa deente.
2SA 15:24 Hayyichi Zaadoq, Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ataneeranu mara woliin achi jiraayyu; isaan Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa lafa keyane; hayyichi Abiyaataar kolbaan marti qachaa keessaa haga baatu ciincaa dhikeesse.
2SA 15:25 Achiin duuba mootichi, hayyicha Zaadoqiin, «Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara qacha'aa deebisi; ani Mootii Waan Maraa duratti fudhatama yoo qabadhe, inni na deebisee Saanduqa Gondooro'ootii fi addee leetoo ifii san ammalle akka ani dhaggu hin godha.
2SA 15:26 Garuu inni, ‹Ani sitti hin gammanne› yoo jedhe, waan fedhe na irratti godhuu ti; anille fudhatiisaaf qophoweera» jedhe.
2SA 15:27 Mootichi ammalle hayyicha Zaadoqiin, «Ati nama akka malee woy dooyuu motii? Ati ilma keeti Ahimaazii fi ilma Abiyaataarii Yonaataan woliin gara qacha'aa nageyaan deebi'i. Atii fi Abiyaataar ilmaan teessan lamaan san fudhadha'aatii deema'a.
2SA 15:28 Ani oduu haga si irraa dhage'utti malkaa laga goomolee keessa jiruu bira tura» jedhe.
2SA 15:29 Maarre Zaadoqii fi Abiyaataar Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fuudhanee gara Yerusaalemii deebi'anee achuma turane.
2SA 15:30 Daawiti ammoo mataa hagooggatee bowaa miila duwwaa gara gaara ejersaa ol baye; kolbaan isa woliin jirtulle martinuu mataa hagooggattee bowaa ol baate.
2SA 15:31 Achiin duuba, «Ahiitofel worra Abiishaalom woliin mala dhowe keessa jira» jedhanee Daawititti himane; maarre Daawiti, «Ee, Mootii Waan Maraa mala Ahiitofel dhowe san bu'aa akka hin qabaanne godhi» jedhee daadimate.
2SA 15:32 Daawiti qaccee kooba namooti Waaqa waaqonsanuu yennaa geye, Hushaayi nami biyya Arkii woyaa ifii ta gaddaa tarsaasee, bukuu mataa ifii irratti firfirsee isa fudhatiisaaf dhufe.
2SA 15:33 Daawiti isaan, «Ati na woliin yoo deente ba'aa natti teeta;
2SA 15:34 garuu gara qacha'aa deebitee Abiishaalomiin, ‹Ee mooticha, ani tajaajilaa keeti si'iif hin te'a; ani kanaan qara tajaajilaa abbaa keetii te'eeraayyu; amma ammoo si hin tajaajila› yoo jette, mala Ahiitofel dhowe akka bu'aa hin qabaanne godhiisaan na hin gargaarta.
2SA 15:35 Hayyooti Zaadoqii fi Abiyaataar si woliin achi waan jiranuuf ati waan mana mootumma'aa keessatti dhageette mara isaanitti himi.
2SA 15:36 Ilmi Zaadoqii Ahimaazii fi ilmi Abiyaataarii Yonaataan lamaanuu isaan woliin achi jiran; waan dhageette mara karaa isaaniitiin natti ergi» jedhe.
2SA 15:37 Maarre Hushaayi jaalli Daawitii yennuma Abiishaalom qachaa Yerusaalemii seene, innille achi geye.
2SA 16:1 Daawiti qaccee gaaraa irra haga diqqoo yennaa deeme, Ziibaan tajaajilaan Mefii-Bosheetii daabboo dhibba lama, xaltaa midhaan woyni'ii dhibba tokko, xaltaa midhaan harru'uu dhibba tokko fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko harreelee lamatti fe'ee, isa fudhatiisaaf dhufe.
2SA 16:2 Mootichi Daawiti, «Kana mara maaf fidde?» jedhee Ziibaa gaafate. Ziibaan deebisee, «Harreelee, maatiin mootichaa akka irra teettuuf, daabboo, midhaan harru'uutii fi woyni'ii dargaggooti akka nyaatanuuf, daadhii woyni'ii worri goomolee keessatti dadhabe akka unanuuf fide» jedhe.
2SA 16:3 Achiin duuba Mootichi, «Akaakoon goottaa keetii eessa jira?» jedhee gaafate. Ziibaan deebisee, «Inni, ‹Kolbaan Israa'elii mootummaa akaakoo kiyyaa adha deebisanee naaf hin kennan› jedhee waan hedeef, Yerusaalem keessatti hafeera» jedhe.
2SA 16:4 Achiin duuba mootichi Ziiba'aan, «Kunoo, wonni Mefii-Bosheet qabu marti keeti» jedhe. Ziibaan ulfinna mootichaatiif gad gombifamee, «Ee goottaa kiyya mooticha, ulfaadhu! Anummaan si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jedhe.
2SA 16:5 Mootichi Daawiti qachaa Bahuriimii yennaa geye, sanyii Saa'olii keessaa ilmi Geraa Shime'i dhufe; inni Daawiti abaaraa gad baye.
2SA 16:6 Loltootii fi eeddoti mootichaa marti bita'aa fi midda Mooticha Daawitii jiraatanulle, inni Daawitii fi qondaaltota isaatitti dhakaa qolaanse.
2SA 16:7 Shime'i yennaa Daawiti abaaru, «Ati nama dhiigaa! Ati nama hama'a asii bayi; asii bayi!
2SA 16:8 Dhiiga ati mana Saa'olii keessatti dhangalaatte maraaf, ta ati addee isaatitti mootii teeteef, Mootiin Waan Maraa haluu si bayiisatti jira; Mootiin Waan Maraa mootummaa teeti ilma keeti Abiishaalomitti dabarsee kenneera; ati nama dhiigaa waan teeteef, kunoo wonni hantuun sitti dhufiisatti jirti!» jedhe.
2SA 16:9 Achiin duuba ilmi Zeruyaa Abiishaayi mootichaan, «Sareen du'e kun attam goottaa kiyya mooticha abaara? Ani dhaqee mataa isaa isa irraa kuta» jedhe.
2SA 16:10 Mootichi ammoo, «Isin ilmaan Zeruyaan deette, maanti dubbii tiyya keessa isin galche? Mootiin Waan Maraa namichaan, ‹Daawiti abaar› jedheen yoo abaaraa jiraate, ‹Ati maaf tana goota?› jedhee eentu isa gaafatiisa dande'a?» jedhe.
2SA 16:11 Achiin duuba Daawiti Abiishaayii fi qondaaltota isaa maraan, «Ilmi kiyya ka ani uumadhe na ijjeesiisaaf eega barbaade, Beniyaamichi kun attam irra caalaa na ijjeesiisaaf hin barbaadin ree? Maarre Mootiin Waan Maraa isatti waan dubbateef abaaruu ti lakkisa'a!
2SA 16:12 Mootiin Waan Maraa rakkinna kiyya dhaggee addee abaaramiisa kiyyaa adha waan dansaa naaf godha fa te'a» jedhe.
2SA 16:13 Maarre Daawitii fi namooti isaa karaa ifii ideemane; Shime'i dhakaa itti qolaansaa, bukuu itti bittinneessaa, isa abaaraa kooba cinaa isaa irra ideemaayyu.
2SA 16:14 Mootichii fi namooti isa woliin jiranu marti addee dhaqiisaaf hedane geyanee, guddoo waan dadhabaneef achitti foorfatane.
2SA 16:15 Yennuma san Abiishaalomii fi namooti Israa'elii marti gara Yerusaalemii dhufane; Ahiitofeliille isa woliin jiraayyu.
2SA 16:16 Achiin duuba jaalli Daawitii Hushaayiin Arkaa'ichi gara Abiishaalomii dhaqee, «Ee, mooti'i bara dheeraa le'i! Ee, mooti'i bara dheeraa le'i!» jedhe.
2SA 16:17 Abiishaalomille, Hushaayiin, «Addatamummaan ati jaala keetiif qaddu haguma kanaa? Ati maaf jaala keeti woliin hin deemin?» jedhee gaafate.
2SA 16:18 Hushaayiille Abiishaalomiin, «Lakkii! Ani nama Mootiin Waan Maraa, kolbaan tunii fi namooti Israa'elii marti filatanee ka isaa hin te'a; isa wolille'een hin le'a;
2SA 16:19 ani eega ilma goottaa kiyyaa hin tajaajilin eennu tajaajila? Akkuma abbaa keeti tajaajile sille hin tajaajila» jedhe.
2SA 16:20 Achiin duuba Abiishaalom Ahiitofeliin, «Me, nutti gorsi; maan godhuu qanna?» jedhe.
2SA 16:21 Ahiitofel Abiishaalomiin, «Gara gursumeeyyii abbaa keetii ka inni mana mootumma'aa akka eeganuuf asitti lakkisee dhaqiitii isaan woliin rafi; achiin duuba Israa'elooti marti akka ati abbaa keeti jibbite hin dhageetti; worri si woliin jirulle hunnaameyyii hin te'an» jedhee gorse.
2SA 16:22 Maarre heellichoo manaa gubba'atti Abiishaalomiif dunkaanii dhaabanee, inni achitti Israa'eloota mara duratti gursumeeyyii abbaa ifii woliin rafe.
2SA 16:23 Bara san gorsi Abiishaalom kennu marti akka nama jecha Waaqaa gaafatee fakkaata; akka kanaan Daawitii fi Abiishaalom gorsa Ahiitofelii fudhataniiyyu.
2SA 17:1 Ahiitofel Abiishaalomiin, «Nama kuma kudhanii lama filadhee, galgaluma adhaa Daawiti ari'a.
2SA 17:2 Inni dadhabee addii kutatee adoo jiruu, isa lolee bararassa; achiin duuba namooti isa woliin jiranu isa biraa hin baqatan; ani mootichi callaan qofi hafeeruun isa ijjeesee,
2SA 17:3 kolbaa mara gara keeti hin deebisa; duuti nama tokkoo ka ati barbaadduu, nami marti akka deebi'u hin gooti; kolbaan marti nageyaan hin leeti» jedhe.
2SA 17:4 Gorsi isaa kun Abiishaalomii fi jaarsolee Israa'elii mara gammachiise.
2SA 17:5 Abiishaalom ammoo, «Waan Hushaayiin Arkaa'ichi jedhu dhageennaatii, me isa waama'a» jedhe.
2SA 17:6 Hushaayi gara Abiishaalomii yennaa dhufe, Abiishaalom isaan, «Ahiitofel gorsa kana dhikeesseera; waan inni jedhe kana hin goonaa ree? Waawwo'o yoo jette yaada keeti nutti himi» jedhe.
2SA 17:7 Hushaayi deebisee Abiishaalomiin, «Gorsi Ahiitofel kenne yennaa kana dansa'aa moti.
2SA 17:8 Abbaan keetii fi namooti isaa worra lolaan beekkamane; worra akka doobbaa ilmee jalaa fuudhanee nama sodaachisuu akka te'ane hin beetta; abbaan keeti nama lola akka dansaa barateeru; inni loltoota woliin hin bulu.
2SA 17:9 Inni ammaayyuu goda keessa yookiin addee dhibii dhokateera fa te'a; inni qara lolee, nama keeti keessaa nami yoo du'e, nami tana dhage'e marti, ‹Loltooti Abiishaalomii marti dhumataneeran› jedhanee hin odeessan.
2SA 17:10 Abbaan keeti nama lolaan jannaa, namooti isa woliin jiranulle worra janna akka te'ane, Israa'elooti marti waan beekanuuf, nami janni lolaan beekkame ka gadhaan isaa akka gadhaa neenqaatuu isa sodaatee hin sheephisa.
2SA 17:11 Maarre, gorsi ani sitti gorsu ka asii gad jiru kana: Israa'elooti marti ka Daan irraa jalqaddee haga Bersheeba'aa jirtu ka laakkossi isaanii akka maansa abbaaya'aa si biratti wolitti qabamaneeranuun, atuu isaan sooressii isaan woliin duuli.
2SA 17:12 Achiin duuba nuuti addee inni dhaggamuu maratti isa hin lolla; akkuma fixeensi lafatti bu'u isa irratti hin buuna; innii fi namooti isaalle tokkolle lubbu'uun hin hafanu.
2SA 17:13 Inni gara qachaa tokkoo yoo baqatelle, Israa'elooti marti wodaroo finnee, dhakaan tokkolle adoo hin hafin qachaa san gad harkinnee dhooqa keessa hin buunna» jedhe.
2SA 17:14 Abiishaalomii fi Israa'elooti marti, «Gorsa Ahiitofelii caalaa gorsa Hushaayii Arkaa'ichaa woyya!» jedhane. Mootiin Waan Maraa Abiishaalom irratti badii buusiisaaf jedhee gorsi dansaan Ahiitofelii akka hin fudhatanne godhe.
2SA 17:15 Hushaayi gorsa Ahiitofel Abiishaalomii fi jaarsolee Israa'elii gorsee fi gorsa innille ifiif isaan gorse hayyoota Zaadoqii fi Abiyaataritti hime.
2SA 17:16 Itti dabalee, «Amma ariiti'iin Daawititti nama erga'aatii, ‹Ariiti'iin laga Yordaanosii bu'ii gamatti bayi malee, malkaa gara goomole'ee geessu hin bulin; yoo akkas hin godhin ati mootichii fi namooti si woliin jiranu marti hin liqinfantan› jedha'aa Daawititti hima'a!» jedhe.
2SA 17:17 Yonaataanii fi Ahimaaz gara qacha'aa yennaa seenanu nami akka isaan dhaggu waan hin barbaanneef, madda, «En-Rogeel» jedhamu bira turan; intalti tajaajiltuun takka achi dhaqaa waan mara isaanitti yennaa hintu, isaanille dhaqanee tanuma mooticha Daawititti himaniiyyu.
2SA 17:18 Dargaggeessi tokko ammoo isaan dhaggee, Abiishaalomitti hime; maarre isaan lamaanuu ariiti'iin ka'anee gara qachaa Bahuriimii dhaqanee, mana nama tokkootitti gorane; namichi sun badhinna dalleya ifii keessatti boolla bisaanii waan qabuuf, isaan achi keessa gad bu'ane.
2SA 17:19 Haati manaa ta namicha sanii afaan boolla sanii gollitee midhaan irratti atte; nami tokkolle marroo waan kanaa hin beenne.
2SA 17:20 Tajaajiltooti Abiishaalomii gara mana sanii dubartittii bira dhufanee, «Ahimaazii fi Yonaataan eessa jiran?» jedhanee gaafatane. Dubartittiin sunille deebittee isaaniin, «Isaan laga kanaan gama bu'anee bayaneeran» jette; tajaajiltooti sunille isaan barbaadanee waan dhabaneef gara Yerusaalemii deebi'ane.
2SA 17:21 Namooti sun deemaneen duuba, Ahimaazii fi Yonaataan boolla bisaanii san keessaa bayanee, gara mooticha Daawitii dhaqanee, «Ahiitofel si loliisaaf mala waan dhoweef, ka'iitii ariiti'iin laga kanaan gamatti bu'ii bayi» jedhane.
2SA 17:22 Maarre Daawitii fi namooti isa woliin jiranu marti ka'anee, laga Yordaanosii gamatti bu'anee bayane; haga latti bariitu nami Yordaanosiin gamatti bu'ee hin bayin hafe tokkolle hin jiru.
2SA 17:23 Ahiitofel gorsi isaa akka hin fudhatanne yennaa dhagge, harree ifii fe'atee gara qacha'aa ka manni isaa keessa jiruu san deeme; mana ifii sirreesseen duuba, suruurraa ifitti keyatee du'e; maarre inni du'ee addee awwaala abbaa ifii keessatti awwaalame.
2SA 17:24 Abiishaalomii fi Israa'elooti marti laga Yordaanosii gamatti bu'anee yennaa bayane, Daawiti qachaa Mahanaayaa geyeeraayyu.
2SA 17:25 Abiishaalom addee Yo'aabiititti, Amaasaa ajajaa loltootaa godhee file; Amaasaan ilma Yeterii Israa'elichaa ti; Yeter intala Naa'ashii Abigaayi fuudheeraayyu; isiin obboleettii Zeruyaa haadha Yo'aabii ti.
2SA 17:26 Israa'elootii fi Abiishaalom biyya Giil'aadii keessa qubatane.
2SA 17:27 Daawiti qachaa Mahanaayimii yennaa geye, ilmi Naa'ashii Shob ka qachaa Amoonotaa Raabaa keessaa dhufe, ilmi Amii'elii Maakiir ka qachaa Lodebaariitii dhufee fi Baarzilaayin Giil'aadichi ka qachaa Rogeeliimiitii dhufe isa fudhatane.
2SA 17:28 Isaan waan irra rafanu, qorii, meya faara irra hujame, qamadii, garbuu, bullaa, akumm'ee, baaqelaa fi misira,
2SA 17:29 damma, itittuu, hoole'ee fi baaduu Daawitii fi namoota isaatii fidane; isaan, «Kolbaan goomolee keessatti beelotteerti; dadhaddeerti; dheebotteerti» jedhanee waan kana fidane.
2SA 18:1 Daawiti namoota isa woliin jiranu laakkowee, ajajaa kumaatii fi ajajaa dhibbaa isaaniif file.
2SA 18:2 Daawiti loltoota harka sad keessaa harka tokko irratti Yo'aab ajajaa godhee, harka sad keessaa harka tokko irratti obboleessa Yo'aabii ka Zeruyaan deette Abiishaayi ajajaa godhee, harka sad keessaa harka tokko irratti Iitaayii nama biyya Gaatii ajajaa godhee erge; mootichille loltootaan, «Anille dhugumaan isin woliin hin duula» jedhe.
2SA 18:3 Namooti ammoo isaan, «Ati hin duulin; nuuti yoo baqanne, isaan nu woyitti hin laakkowanu; nu keessaa gamisi yoo du'elle, isaan woyitti hin laakkowanu; ati nu namoota kana kuma caalta; tanaaf ati qachaa keessa jiraattee yoo nu qarqaarte woyya» jedhane.
2SA 18:4 Mootichi deebisee isaaniin, «Ani waan isinitti toltee mudhatte hin godha» jedhe; maarre namooti dhibba dhibbaa fi kuma kumaan yennaa hiriiranee bayanu, mootichi balbala karraa bira dhaabbateeraayyu.
2SA 18:5 Mootichille Yo'aab, Abiishaayii fi Iitaayiin, «Anaaf jedha'aatii Abiishaalomii dargaggicha harka irra qaba» jedhee ajaje; mootichi marroo ilma ifii Abiishaalomii fi ajajjoota tokko tokkoofuu ajaja yennaa kennu, loltooti marti dhageette.
2SA 18:6 Loltooti Daawitii, Israa'eloota Abiishaalom woliin jiranu loliisaaf duulanee, gongomaa Efreemii keessatti wol lolane.
2SA 18:7 Achitti loltooti Daawitii loltoota Israa'elii injifatte; lolli guyyaa sanii jabaa waan te'eef, nami kum diddam dhumate.
2SA 18:8 Lolli sun biyya mara dhaqqabee guyyaa san namoota lola keessatti dhumatane irra ka gongomaa keessatti dhumatanetti caala.
2SA 18:9 Abiishaalomii fi loltooti Daawitii dedhuma wolitti bayane; Abiishaalom gaangee irraa te'ee deemiisatti waan jiruuf, gaangeen gongomaa ciggaa keessaa muka guddaa tokko jalaan adoo dabartuu, mataan Abiishaalomii mukaan qabame; gaangeen inni irra tee'e muka san jalaan yennaa dabartu, Abiishaalom rarra'ee hafe.
2SA 18:10 Nami tokko tana yennaa dhagge, «Kunoo, Abiishaalom muka irratti rarra'eeruun dhagge» jedhee Yo'aabitti hime.
2SA 18:11 Yo'aab nama oduu tana isatti himeen, «Maan jette? Isa dhaggitee? Maaf achumatti lafatti isa gad buuttee hin ijjeesin? Silaa ani meetii gara giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shaniitii fi hiituu loltootaa si badhaasaayyu» jedhe.
2SA 18:12 Namichi ammoo deebisee, «Mootichi adoo nuuti dhageennuu, ‹Dargaggeessichi Abiishaalom akka hin miidhanne naaf jedha'aatii harka irra qaba'a› jedhee si'i, Abiishaayii fi Iitaayi waan ajajeef, adoo ati meetii gara kiiloogiraama kudha tokkoo harkatti naaf kennitelle'e, ani ilma mootichaa hin ijjeesu.
2SA 18:13 Ani adoo isa ijjeesee jiraadhee, mooticha wonni dhokatu waan hin jirreef, atinuu natti hin dhiyaattuuyyu» jedhe.
2SA 18:14 Yo'aabille, «Ani tanaaf si hin eegu» jedhee, eboo sad qabatee dhaqee, Abiishaalom muka irratti rarra'ee lubbu'uun adoo jiruu gadhaa isaa woraane.
2SA 18:15 Namooti dargaggooti kudhan ka Yo'aabiif meya lolaa ba'atanu, Abiishaalom marsanee woraananee ijjeesane.
2SA 18:16 Achiin duuba Yo'aab lolli akka qabbanowuuf tultullaa afuussise; loltootille Israa'eloota ari'iisa lakkisane.
2SA 18:17 Isaan reeffa Abiishaalomii fuudhanee, boolla guddoo gongomaa keessa jirtu keessa qolaansanee, dhakaa gugurdaa isa irratti tuulane; yennuma san Israa'elooti marti gara mana mana ifii baqatane.
2SA 18:18 Abiishaalom, «Ilma maqaa kiyya waansisu hin qabu» jedhee waan yaadeef, adoo lubbu'uun jiruu, addee, «Dhooqa mootichaa» jedhanutti maqaa ifiitiin soodduu waan dhaabeef, haga adhaa «Soodduu Abiishaalomii» jedhamee waamama.
2SA 18:19 Achiin duuba Ilmi Zaadoqii Ahimaaz, «Mootiin Waan Maraa harka diinotaa jalaa isa waan baaseef, fiigee dhaqee oduu gammadaa tana mootichatti hima» jedhe.
2SA 18:20 Yo'aabille isaan, «Ilmi mootichaa waan du'eef, oduu gammadaa tana guyyaa dhibii himi malee adha itti hin himin» jedhe.
2SA 18:21 Achiin duuba Yo'aab nama biyya Itoophiya'aa tokkoon, «Dhaqiitii waan dhaggite mara mootichatti himi» jedhe; nami biyya Itoophiya'aa sunille Yo'aab duratti fuulaan lafatti gad gombifameen duuba ka'ee fiige.
2SA 18:22 Ilmi Zaadoqii Ahimaaz ammalle Yo'aabiin, «Wonni feete dhuttuutii, maganne'ee nama biyya Itoophiya'aa kana gula fiiguu?» jedhe. Yo'aab ammoo deebisee, «Ilma kiyya, ati oduu gammada hintee ta badhaasa dhaggattu hin qaddu, maaf deemiisa barbaadda?» jedhe.
2SA 18:23 Ahimaaz, «Wonni feete dhuttuutii ani hin fiiga» jedhe; Maarre Yo'aab, «Fiigi lam!» jedheen; achiin duuba Ahimaaz karaa dhooqa Yordaanosii fiigee, nama biyya Itoophiya'aa san dura taree deeme.
2SA 18:24 Daawiti karra qachaa sanii ta gara keessaatii fi ta gara alaa wodhakkaa te'ee adoo jiruu, eeddichi tokko karaa dalleyaatiin gara heellichoo karaa karra qacha'aa jirtuu ol bayee gara alaa yoo ilaalu, namichi tokko qofii ifii fiiguun dhagge.
2SA 18:25 Eeddichi sun mooticha waamee itti hime; mootichille, «Inni qofii ifii yoo jiraatee, oduu gammadaa qaba» jedhe; namichille isaanitti dhiyaataa dhufe.
2SA 18:26 Achiin duuba eeddichi nama dhibii fiigaa dhufu dhaggee, eeddicha karraa waamee, «Kunoo ammalle nami tokko qofii ifii fiigaa dhufiisatti jira» jedhe. Mootichi deebisee, «Kunille oduu gammadaa qaba» jedhe.
2SA 18:27 Eeddichi sun, «Fiigichi namaa duraa, ilma Zaadoqii Ahimaaz fakkaata» jedhe. Mootichille, «Inni nama dansa'a! Oduu gammadaa fidee dhufiisatti jira» jedhe.
2SA 18:28 Ahimaaz iyyee mooticha waamee, «Wonni marti si'iif teeteerti!» jedhee, mooticha duratti lafatti gad gombifamee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka worra si goottaa kiyya mooticha irratti ka'ane dabarsee kenne leellifamuu ti!» jedhe.
2SA 18:29 Mootichille, «Dargaggeessi Abiishaalom fayya'aa?» jedhee isa gaafate. Ahimaaz deebisee, «Yo'aab tajaajilaa mootichaatii fi ana yennaa ergu, hogaa guddaa tokko dhage'eera; ammoo maan akka te'e hin beeku» jedhe.
2SA 18:30 Mootichille, «Me, achi dabarii dhaabbadhu!» jedhe; Ahimaazille dabaree dhaabbate.
2SA 18:31 Achiin duuba nami biyya Itoophiya'aa sun dhufee, «Goottaa kiyya mooticha, oduu gammadaa dhage'i! Mootiin Waan Maraa diinota si irratti ka'ane jalaa si baaseera!» jedhe.
2SA 18:32 Mootichille nama biyya Itoophiya'aa saniin, «Dargaggeessichi Abiishaalom fayya'aa?» jedhee gaafate. Nami biyya Itoophiya'aa sun deebisee, «Diinoti goottaa kiyya mootichaatii fi worri si irratti ka'u marti akka dargaggeessicha sanii te'anuu ti» jedhe.
2SA 18:33 Mootichille rifatee hollate; kolloo karra gubbaa jirtu gubbaa bayee bowe; akkuma ol bayeen, «Aannee, ilma kiyya Abiishaalom! Ilma kiyya, ilma kiyya Abiishaalom! Ani addee teeti adoo du'ee jiraadhee! Aannee Abiishaalom, ilma kiyya, ilma kiyya!» jedhe.
2SA 19:1 «Mootichi Daawiti ilma ifii Abiishaalomiif bowaa gaddiisatti jira» jedhanee Yo'aabitti himane.
2SA 19:2 Guyyaa san, «Mootichi ilma ifiitiif gaddeera» oduu jettu loltooti waan dhageetteef, injifachaan guyyaa sanii loltoota duudii biratti gara gaddaa jijjiirame.
2SA 19:3 Akka loltooti lola keessaa baqatte, fokkifattee dhokattee galtuu, guyyaa san kolbaan dhokattee gara qacha'aa deebitee galte.
2SA 19:4 Mootichi fuula ifii hagooggatee, «Aannee ilma kiyya Abisaalom! Aannee Abiishaalom! Ilma kiyya! Ilma kiyya!» jedhee iyyee bowe.
2SA 19:5 Achiin duuba Yo'aab gara mana mootichaa dhufee, «Ati adha namoota lubbuu teeti, lubbuu ilmaan teetiitii fi durra teetii, lubbuu niitota teetiitii fi gursumeeyyii teetii hamburane mara qaanessiteerta.
2SA 19:6 Ati worra si jibbu jaalattee, worra si jaalatu jibbita; ajajjooti loltoota teetiitii fi loltooti isaanii si'iif akka woy hin baane ati adha beessitteerta; adha Abiishaalom lubbuu hafee, nuuti marti adoo duunee jiraanne akka ati gammaddu ani adha dhagge.
2SA 19:7 Amma ka'iitii namoota jajjabeessi; yoo didde, dhugaa Mootii Waan Maraa ka ka jiraataa te'ee, nami tokkolle galgala kana si biratti hin hafu; tunille farra haga ijoollummaa teetiitii jalqabee si irratti te'e mara caalaa rakkinna si irratti hin fida» jedhe.
2SA 19:8 Maarre mootichi ka'ee karra dura tee'e; namoota maratti, «Mootichi karra dura te'eera» jedhanee yennaa himane, marti isaanii gara isaa dhufane. Yennaa san Israa'elooti marti gara mana mana ifii baqataneeraniiyyu.
2SA 19:9 Gosa Israa'elii mara keessatti kolbaan, «Mootichi harka diinota keennaa jalaa nu baaseera; harka Filisxeemotaa jalalle'ee ka nu baase isa; amma ammoo marroo Abiishaalomiitiif biyyaa baqateera.
2SA 19:10 Abiishaalom ka nuuti akka nu bulchuuf filanne, lola keessatti du'eera; maarre mooticha deebinnee fidiisaaf maaf cadhi jettan ree?» jedhaa wol moromane.
2SA 19:11 Mootichi Daawiti gara hayyoota Zaadoqii fi Abiyaataarii nama ergee, «Jaarsolee Yihuda'aatiin, ‹Waan Israa'el jettu mara ani adduma jirutti dhage'eera; maarre isin mooticha gara mana mootummaa isaa deebittanee fidiisaaf, dura aaniisaaf adoo maltanuu isin maaf duubatti hattane?
2SA 19:12 Isin obboleeyyan foonii fi dhiiga kiyyaa ti; mooticha gara mana mootummaa isaa deebittanee fidiisaaf, dura aaniisaaf adoo maltanuu maaf duubatti hattanee ree?› jedha'a.
2SA 19:13 Amaasaalle'een, ‹Atille foonii fi dhiiga kiyyaa motii ree? Ammaa jalqabee, addee Yo'aabiititti ajajaa loltoota tiyyaa yoo si hin godhin Waaqi na ijjeesuu ti!› jedha'aan» jedhe.
2SA 19:14 Inni kolbaan Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan gara isaa akka deebitu godhe; isaanille, «Atii fi namooti keeti marti deebi'a'a» jedhanee itti ergane.
2SA 19:15 Achiin duuba mootichi deebi'ee haga laga Yordaanosii dhufe; kolbaan Yihuda'aalle mooticha fudhatanee laga Yordaanosii gamatti buusanee baasiisaaf haga Giilgalii dhufaneeraniiyyu.
2SA 19:16 Ilmi Geraa Shime'i nami biyya Beniyaaminii, qachaa Bahuriimii keessaa mooticha Daawiti fudhatiisaaf, namoota Yihuda'aa woliin ariifatee gad bu'e.
2SA 19:17 Isa woliin kolbaan Beniyaaminii kuma tokko, tajaajilaan mana Saa'olii Ziibaalle ilmaan ifii kudha shanii fi tajaajiltoota ifii diddama woliin isa woliin jiraayyu; isaan ariiti'iin gara laga Yordaanosii addee mootichi jiru geyane.
2SA 19:18 Isaan maatii mootichaa fidiisaaf, waan inni fedhu mara godhiisaafille karaa malka'aatiin gamatti bu'anee bayane. Ilmi Geraa Shime'i laga Yordaanosii gamatti bu'ee bayee, mooticha duratti fuulaan lafatti gad gombifamee,
2SA 19:19 mootichaan, «Goottaa kiyya yakkaa tiyya natti hin laakkowin; guyyaa ati mootichi goottaan kiyya Yerusaalem keessaa baate, ani tajaajilaan keeti waan si yakke hin qaabatin; gadhaa keetille'etti hin qabatin.
2SA 19:20 Ani tajaajilaan keeti cubbuu akka huje beekeera; adha ammoo goottaa kiyya mooticha fudhatiisaaf, sanyii Yoseefii mara keessaa ani dursee dhufeera» jedhe.
2SA 19:21 Achiin duuba ilmi Zeruyaan deette Abiishaayi, «Shime'i nama Mootiin Waan Maraa muude waan abaareef ijjeefamuu qaba» jedhe.
2SA 19:22 Daawiti ammoo, «Isin ilmaan Zeruyaan deette, dubbii tiyya keessa maanti isin galche? Guyyaa adhaa isin diina natti teetaneertan. Adha Israa'el keessaa nami du'uu qabaa ree? Amma ani mootii Israa'elii ti» jedhe.
2SA 19:23 Maarre mootichi Daawiti Shime'iin, «Hin duutu!» jedhee kakateef.
2SA 19:24 Achiin duuba akaakoon Saa'olii Mefii-Bosheet mooticha fudhatiisaaf dhaqe; guyyaa mootichi ari'ameen jalqabee haga inni nageyaan deebi'ee galeetitti, Mefii-Bodheet miila ifii hin dhiqanne, areeda ifii hin haadanne, woyaa ifiille hin dhiqanneeyyu.
2SA 19:25 Inni mooticha fudhatiisaaf gara Yerusaalemii yennaa dhufe, mootichi, «Mefii-Bosheet! Ati maaf na woliin deemiisa didde?» jedhee isa gaafate.
2SA 19:26 Mefii-Bosheet deebisee, «Goottaa kiyya mooticha, ani tajaajilaan keeti naafa waan te'eef, ‹Mooticha woliin akka deemu harree kooraa itti naa fe'i› jedheeraayyu; garuu tajaajilaan kiyya Ziibaan na sobe.
2SA 19:27 Goottaa kiyya mooticha duralle'etti ana tajaajilaa keeti maqaa balleesseera; ati goottaan kiyya mootichi akka ergamaa Waaqaa waan teeteef, waan feete mara godhi.
2SA 19:28 Ati silaa sanyii abbaa kiyyaa mara ijjeesuu malee, waan dansaa isaaniif godhu hin qadduuyyuu. Te'uu malee ana tajaajilaa keeti worra qorii teeti keessaa nyaatu woliin tee'ee akka nyaadhu na gooteerta; maarre tana caalaa mooticha gaafatiisaaf mirga maan qaba ree?» jedhe.
2SA 19:29 Mootichille isaan, «Tana caalaa hin dubbatin; atii fi Ziibaan fichaa mara akka qoodantanuuf ani ajajeera» jedhe.
2SA 19:30 Mefii-Bosheet mootichaan, «Atummaan mootichi goottaan kiyya baga nageyaan deebite; inni waan maraayyuu fudhatuu ti» jedhe.
2SA 19:31 Baarzilaayiin Giil'aadichi, ka biyya Rogeeliimiitii dhufe, mooticha geegessiisaaf isa woliin laga Yordaanosii bu'ee gamatti baye.
2SA 19:32 Baarzilaayi jaarsa woggaa saddeettamaa ti; inni dureessa waan te'eef, yennaa mootichi biyya Mahanaayimii jiru, sagalee isaaf geesseeraayyu.
2SA 19:33 Mootichille Baarzilaayiin, «Na woliin gamatti bu'ii bayiitii Yerusaalem keessa na woliin le'i; anille waan si'iif barbaachisu mara si'iif hin kenna» jedhe.
2SA 19:34 Barizilaayi ammoo deebisee, «Ani nama ganna hagam le'utti, mooticha woliin gara Yerusaalemii deema?
2SA 19:35 Ani amma nama woggaa saddeettamaa ti; waan hama'aa fi dansaa gargar baasee beekuu hin dande'aa ree? Haganaa achi tajaajilaan keeti mi'a'aa fi bushaa waan nyaatuutii fi waan unuu gargar baasee hin beekaa? Qoonqoo sirbaa ta ijoollee dhiiraatii fi durraa dhage'iisa hin dande'aa? Ani tajaajilaan keeti goottaa kiyya mootichatti maaf ba'aa te'a ree?
2SA 19:36 Ani tajaajilaan keeti mooticha woliin laga Yordaanosii gamatti bu'ee bayee haga diqqaa si hin geegessa; ati ammoo maaf badhaasa akkasii kana naaf kennita ree?
2SA 19:37 Ani qachuma kiyya keessatti du'ee, addee awwaala abbaa kiyyaatii fi haadha tiyyaa biratti akka awwaalamu, deebi'ee deemuu barbaada; ammoo tajaajilaan keeti Kiimhaam kunoo asi jira; inni si goottaa kiyya mooticha woliin gamatti bu'ee bayuutii, waan si gammachiise isaaf godhi» jedhe.
2SA 19:38 Mootichille, «Kiimhaam na woliin gamatti bu'ee bayuu ti; anille waan si gammachiise isaaf hin godha; waan ati na irraa barbaaddu mara si'ille'eef hin godha» jedhe.
2SA 19:39 Maarre kolbaan marti laga Yordaanosii gamatti buutee baate; mootichille gamatti bu'ee baye. Mootichi Daawiti Baarzilaayi sunqatee eebbise; Baarzilaayinille gara mana ifii deebi'e.
2SA 19:40 Mootichi Daawiti Giilgal gamatti bu'ee yennaa baye, Kiimhaamille isa woliin gamatti bu'ee baye; loltooti Yihuda'aa martii fi loltooti Israa'elii gariin mooticha bookarsanee gamatti buusanee baasane.
2SA 19:41 Yennuma san namooti Israa'elii marti gara mootichaa dhufanee, «Obboleeyyan teenna namooti Yihuda'aa si mooticha fuudhanee, maatii keetii fi namoota keeti mara woliin dhossa'aan maaf laga Yordaanosii gamatti buusanee baasane?» jedhane.
2SA 19:42 Namooti Yihuda'aa marti deebisanee namoota Israa'eliitiin, «Mootichi fira keenna waan te'eef nuuti tana goone; isin marroo tanaaf maaf aartan ree? Nuuti mooticha irraa woy nyaanneerraa ree? Yookiin nuuti ifii waan tokkolle fudhanneerraa ree?» jedhane.
2SA 19:43 Achiin duuba namooti Israa'elii deebisanee namoota Yihuda'aatiin, «Nuuti harka kudhan isin caalla; Daawiti irralle'etti isin caalaa mirga qanna; isin maaf nu tuffattan ree? Mootichi akka nu'uuf deebi'u ka dursinee gaafanne nu'u motii?» jedhane. Namooti Yihuda'aa ammoo namoota Israa'elii caalaa deebii jadduu kennane.
2SA 20:1 Yennaa san ilmi Biikrii Sheebaan Beniyaaminichi nami yabaabulaan tokko achi jiraayyu; inni tultullaa afuufee, «Nuuti Daawiti irraa qooda hin qannu; ilma Iseyii woliin tokkummaa hin qannu; ee, kolbaa Israa'elii tokko tokkoon keessan gara dunkaanii teessanii deebi'a'a!» jedhe.
2SA 20:2 Maarre kolbaan Israa'elii marti Daawiti lakkisanee ilma Biikrii Sheebaa hordofane; kolbaan Yihuda'aa ammoo Yordaanosii jalqabanee haga Yerusaalemii mootii ifii woliin turane.
2SA 20:3 Daawiti gara mana mootumma'aa ka Yerusaalem keessaatitti yennaa deebi'e, gursumeeyyii kudhan ka mana mootumma'aa akka eeganuuf lakkise san achii fuudhee, mana tokko keessa galchee achitti akka isaan eeganu godhe; inni sagalee isaaniif kenne; te'uu malee isaan bira hin geenne; isaan haga du'aatitti akka haadhotii hiyyeessaa te'anee, qofii ifii adda bayane le'ane.
2SA 20:4 Achiin duuba mootichi Daawiti Amaasaa'aan, «Kolbaan Yihuda'aa guyyaa sad keessatti gara kiyya akka dhuttu waami! Atille isaan woliin dhaggam!» jedhe.
2SA 20:5 Amaasaan ammoo kolbaa Yihuda'aa waamiisaaf deeme; garuu guyyaa mootichi murteesse caalaa ture.
2SA 20:6 Daawitille Abiishaayiin, «Ilmi Biikrii Sheebaan Abiishaalom caalaa nu hin miidha; akka inni qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame dhaggee nu duraa hin milindhe, namoota goottaa keetii qabadhuutii isa ari'i!» jedhe.
2SA 20:7 Maarre namooti Yo'aabii, Keretootot, Pheletoototii fi loltooti jajjabi marti Abiishaayi woliin deemane; isaan ilma Biikrii Sheebaa ari'iisaaf Yerusaalem keessaa bayane.
2SA 20:8 Isaan rassaa guddaa Giibe'on keessa jiru bira adoo jiranuu, Amaasaan isaan bira dhufe; Yo'aab woyaa lolaa uffatee, shallaagaa hidhatti hidhateeraayyu; yennaa inni gara duraa deemiisaaf miila ifii fudhatu shallaagaan isaa gonofaa keessaa bu'e.
2SA 20:9 Yo'aabille Amaasaa'aan, «Obboleessa kiyya, akkam jirta?» jedhe; achiin duuba Amaasaa waan sunqataaruu fakkaatee harka middaatiin areeda isaa qabe;
2SA 20:10 Amaasaan ammoo Yo'aab shallaagaa akka qabateeru waan hin beekiniif ifi hin eeganeeyyu; Yo'aab shallaaga'aan gadhaa isaa hordee, madhumaan isaa lafatti gad dhowe; inni adoo itti hin lammeessin Amaasaan achumatti du'e; achiin duuba Yo'aabii fi obboleessi isaa Abiishaayi, ilma Biikrii Sheebaa ari'iisa jalqabane.
2SA 20:11 Namoota Yo'aabii keessaa tokko reeffa Amaasa'aa bira dhaabbatee, «Nami Yo'aab jaalatu, ka Daawitiille ka te'e marti Yo'aab hordofuu ti!» jedhe.
2SA 20:12 Reeffi Amaasa'aa dhiigaan badee wodhakkaa kara'aa irkateera; nami karaa san dabaru marti dhaabbatee reeffa Amaasa'aa akka ilaalaaru nami sun yennaa dhagge, reeffa Amaasa'aa karaa irraa gara ficha'aa harkisee woyaa irra buuse.
2SA 20:13 Reeffi Amaasa'aa karaa irraa ka'een duuba, namooti marti Yo'aab woliin ilma Biikrii Sheebaa ari'iisaaf deemane.
2SA 20:14 Sheebaan biyya gosa Israa'elii mara keessa dabaree, gara qachaa Abeel Bet-Ma'aka'aa ka biyya gosa Biikrii keessa jiruu dhufe; namooti Biikrii marti wolitti qabamanee isa hordofane.
2SA 20:15 Loltooti Yo'aab woliin jiranu marti dhufanee, qachaa Abeel Bet-Ma'akaa ka Sheebaan keessa jiru marsanee, gara alaatiin haga qaccee qacha'aatitti, kaabii itti ijaarane; kaabii san diigiisaaf hunnaan yennaa dhowanu,
2SA 20:16 dubartiin qarittiin takka qoonqoo ifii ol qabattee, «Dhage'a'a! Dhage'a'a! Yo'aabitti waan himu qabaa asi akka dhufu isatti naaf hima'a» jette
2SA 20:17 Yo'aab gara isi'ii yennaa dhufe, isiin, «Yo'aab si'ii?» jettee gaafatte. Innille deebisee, «Ee, ana» jedhe. Isiille, «Waan ani tajaajiltuun teeti si'iin jedhu dhage'i» jette. Innille, «Ee, hin dhage'a!» jedheen.
2SA 20:18 Isiin ammalle, «Bara durii namooti, ‹Qachaa Abeelii dhaqa'aatii gorsa gaafadha'a› jedhaniiyyu; akka kanaan haajaan isaan qabanu isaaniif muummowa.
2SA 20:19 Biyya Israa'elii keessatti worra nageyaa fi addatamummaa qabanu keessaa takkattiin ana; ati qachaa Israa'el keessatti haadha te'e balleessiisaaf wodhaaniisatti jirta; dhaala Mootiin Waan Maraa nu'uuf kenne balleessiisaaf maaf barbaadda?» jette.
2SA 20:20 Yo'aab deebisee, «Balleessiisi yookiin diigiisi na irraa fagaatu! Ammalle na irraa fagaatuu ti!
2SA 20:21 Dubbiin akkasii moti; ilmi Biikrii Sheebaan nami biyya koobittii Efreemii mooticha Daawiti irratti ka'eera; isin isuma callaa dabarsa'aa natti kenna'a, ani qachaa kana lakkisee hin deema» jedhe. Dubartittiille Yo'aabiin, «Mataan isaa dalleya dhaka'aa irraa gad si'iif hin darbama» jette.
2SA 20:22 Achiin duuba dubartittiin gara kolbaa mara dhaxxee gorsa ifii ta qarumma'aa kana dubbatte; isaanille mataa Sheebaa ilma Biikrii muranee Yo'aabiif darbane; maarre Yo'aab tultullaa afuufee namooti isaa marti qachaa keessaa bayanee gara mana ifii deebi'ane; Yo'aabille gara mootichaa gara Yerusaalemii deebi'e.
2SA 20:23 Yo'aab loltoota Israa'elii mara irratti ajajaa te'e; ilmi Yehoyaada'a Benaayaan Keretootaa fi Pheletoota irratti ajajaa te'e.
2SA 20:24 Adoniiraam worra hujii hunnaa huju irratti itti gaafatamaa te'e; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax ammoo barreessaa dabarsi'ii te'e.
2SA 20:25 Shewaan barreessaa, Zaadoqii fi Abiyaataar hayyoota;
2SA 20:26 Iira nami biyya Yaa'iirii hayyicha Daawitii ti.
2SA 21:1 Bara bulchiinsa Daawitii haga woggaa sadii beelti buute; maarre Daawiti marroo waan kanaa Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle, «Saa'ol namoota Giibe'onii ijjeesee, innii fi maatiin isaa worra dhiigaa waan te'aneef tun teete» jedhe.
2SA 21:2 Mootichi Daawiti worra Giibe'onii waame; worri Giibe'onii worra Amoorota keessaa lubbu'uun hafe malee sanyii Israa'elootaatii moti; Israa'elooti isaan eegiisaaf kakatanulle, Saa'ol kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aatiifille hinaaffaa waan qabuuf isaan mara balleessiisaaf barbaade.
2SA 21:3 Daawiti, «Maan isiniif godha? Kolbaa Mootii Waan Maraa tana akka eebbittanuuf qodha maan isiniif kenna» jedhee isaan gaafate.
2SA 21:4 Namooti Giibe'onii deebisanee isaan, «Nuuti Saa'olii fi maatii Saa'olii irraa meetii yookiin worqii fudhatiisa yookiin Israa'eloota keessaa eennulle ijjeesiisaaf mirga hin qannu» jedhane. Innille, «Maan akka isiniif godhu barbaaddan ree?» jedhee isaan gaafate.
2SA 21:5 Isaan deebisanee mootichaan, «Saa'ol nu mara balleessee, biyya Israa'elii keessatti addee akka hin qabaanne mala nu irratti dhoweeraayyu,
2SA 21:6 maarre sanyii isaa keessaa ilmaan dhiiraa torba harka keennatti dabarsii kenni; nuutille biyya Saa'olii ka Mootiin Waan Maraa filate keessatti, Mootii Waan Maraa duratti isaan ijjeennee hin fanninna» jedhane. Maarre mootichille, «Isaan harka keessanitti dabarsee hin kenna» jedhe.
2SA 21:7 Te'uu malee Daawitii fi ilmi Saa'olii Yonaataan maqaa Mootii Waan Maraatiin woliif waan kakataneef, mootichi Daawiti akaakoo Saa'olii ilma Yonaataanii Mefii-Bosheet du'a irraa hambure.
2SA 21:8 Mootichi ammoo ilmaan lamaan Armonii fi Mefii-Bodheet ta intalti Ayyaa Riizphaan Saa'oliif deette, ilmaan dhiiraa shan ta intalti Saa'olii Meraab, ilma Baarzilaayii Meholaatichaa Adrii'eliif deettelle fuudhee,
2SA 21:9 harka worra Giibe'oniititti dabarsee kenne; isaanille isaan ijjeesanee kooba irratti Mootii Waan Maraa duratti fannisane; isaan torbaanuu yennuma tokko du'ane; isaan ji'a birra'aa yennaa garbuun haamamuu jalqabu ijjeefamane.
2SA 21:10 Intalti Ayyaa Riizphaan woyaa gaddaa fuutee, addee reeffi worra ijjeefame jiru bira rassaa irratti afatte; yennaa haammaa midhaaniitii jalqaddee haga bokkeenni ol-gubba'aa reeffa ilmaan isi'ii irratti roobutti achi turte; isiin guyyaa allaatiin, halkan bineensi reeffa isaanii akka hin geenne dhooggite.
2SA 21:11 Intalti Ayyaa Riizphaan gursumeettiin Saa'olii waan goote kana yennaa Daawititti himane,
2SA 21:12 inni dhaqee lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii worra Yaabesh-Giil'aadii irraa fuudhe; worri Filisxeemotaa kooba Giilbo'aa irratti Saa'ol ijjeesaneen duuba addee isaan reeffa isaanii fannisane, badhinna Bet-Shaanii keessaa worri Yaabeshii lafee isaanii dhossa'aan fudhataneeraniiyyu.
2SA 21:13 Daawitille lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii achii fide; lafee ilmaan Saa'olii torbaa ka worra ijjeefamanee fannifamane saniille wolitti qabane.
2SA 21:14 Lafee Saa'oliitii fi lafee Yonaataanii ilma isaa, biyya Beniyaamii addee, «Zelaa» jedhantutti addee awwaala Qiishii abbaa Saa'olii keessatti awwaalane; isaan waan mootichi ajaje mara godhane; achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata kolbaan marroo lafaatiif daadimatte dhage'e.
2SA 21:15 Filisxeemotaa fi Israa'elii wodhakkaa ammalle lolli ka'e; Daawiti namoota ifii woliin Filisxeemota loliisaaf dhaqee, adoo loliisatti jiranuu Daawiti dadhabe.
2SA 21:16 Sanyii Refaa'otaa keessaa Ishibii-Benoob, eboo sageettuu irraa hujante ta kiiloogiraama sadii fi wodhakka'aa qabatee, shallaagaa haareya hidhate tokko Daawiti ijjeesiisaaf barbaade.
2SA 21:17 Ilmi Zeruyaan deette Abiishaayi ammoo Daawiti qarqaariisaaf dhufee, Filisxeemicha san ijjeese; achiin duuba namooti Daawitii, «Ati nami Israa'eliif issaa teete akka hin banne, haganaa achi nu woliin hin duulin» jedhanee kakatane.
2SA 21:18 Achiin duuba addee, «Gob» jedhantutti Filisxeemota woliin lolli dhibiin ka'e; yennaa san Siibekaayiin Hushaatichi nama sanyii Refaa'otaa keessaa Saaf ijjeese.
2SA 21:19 Lola dhibii Gob keessatti ka'een Filisxeemota woliin wol lolane keessatti, ilmi Yaa'aree-Oreegiimii Betlihemichaa Elhaanaan, nama biyya Gaatii, Goliyaad ta somey eboo isaa akka muka worri woyaa dhowu woyaa itti maratuu qabateeru ijjeese.
2SA 21:20 Gaati keessatti ammalle lolli dhibiin ka'e; achi keessa nami guddaan ka harkaa fi miila tokko tokko irrattuu quba jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu; innille nama sanyii Refaa'otaa ti.
2SA 21:21 Namichi kun yennaa Israa'elootatti murgu, obboleessi Daawitii ilmi Shimi'aa Yonaataan isa ijjeese.
2SA 21:22 Worri ijjeefame kun arfanuu Gaati keessatti sanyii Refaa'otaa ti; isaanille Daawitii fi loltoota isaatiin ijjeefamane.
2SA 22:1 Mootiin Waan Maraa harka diinota isaa maraa fi harka Saa'olii jalaa yennaa isa baase Daawiti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarse:
2SA 22:2 Inni, «Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya, waan itti golladhu; ka na baasulle'e.
2SA 22:3 Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu; wontee tiyya, ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu. Inni kushee tiyya jaddu'u; ta ani itti baqadhu; fayyisaa kiyyalle'e; namoota hunnaan nama irratti ka'anu jalaa na hin baasa.
2SA 22:4 Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa hin waammadha; innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.
2SA 22:5 «Danbaliin du'aa na marsitee, lolaan badi'ii na gad liqinse.
2SA 22:6 Wodaroon awwaalaa na xaxxee, tiyyoon du'aa na qabatte.
2SA 22:7 Rakkinna kiyya keessatti ani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe; akka na qarqaaruuf, Waaqa kiyyatti iyye. Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaa qoonqoo tiyya dhage'e; iyya tiyyalle caqase.
2SA 22:8 «Mootiin Waan Maraa waan aareef, latti rommitee tachoote; hundeen ol-gubba'aalle daaxxee hollatte.
2SA 22:9 Funnaan isaa keessaa aarri baye; afaan isaa keessaa ibiddi luxub godhuu fi kashilli ibiddaa baye.
2SA 22:10 Inni ol-gubbaa dayyaasee gad bu'e; duumensi gurraachi miila isaa jala jiraayyu.
2SA 22:11 Inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'ee koolaan ka'e; koola qilleensaa irra tee'ee xinniqe.
2SA 22:12 Inni dukkana gollaa ifii godhatee, dunkaaniin isaa adaala isaa jirtiiyyu; duumensi gurraachi, bisaaniin guutame, isa marseera.
2SA 22:13 Calalaqa addee inni jiruu keessaa, balaqqeettiin balaqqitte.
2SA 22:14 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa mandi'e; Waaqi Ol Aanaan qoonqoo ifii dhageessise.
2SA 22:15 Inni daaya ifii darbatee diinota ifii bittinneesse; balaqqeessa balaqqeetti'iitiin haxowee isaan balleesse.
2SA 22:16 Xixicha Mootii Waan Maraatiin, dhowicha hafuura funnaan isaatiin, dhooqoti abbaayaa jalaa mudhatane; hundeen lafaa marti qullaa hafane.
2SA 22:17 «Inni gubbaa irraa gad hiixatee, na qabe; bisaan qilee keessaa harkisee na baase.
2SA 22:18 Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf, inni diinota kiyya hunnaameyyii, worra na jibbu jalaa na baase.
2SA 22:19 Yennaa ani rakkadhe, isaan na irratti ka'ane; Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare.
2SA 22:20 Inni gara addee badho'oo na geessee, waan natti gammadeef, na baase.
2SA 22:21 «Mootiin Waan Maraa akkuma balchummaa tiyyaatitti naaf godhe; inni waan ani yakkaa hin qanneef gatii naa kaffale.
2SA 22:22 Ani karaa Mootii Waan Maraa waan hordofeef, Waaqa kiyya irraa deebi'ee waan hantuu hin hunye.
2SA 22:23 Ani seera isaa mara muummesseera; seerata isaalle irraa hin gorre.
2SA 22:24 Ani isa duratti komii hin qabuuyyu; cubbuu irralle'ee ifi eeggadheera.
2SA 22:25 Mootiin Waan Maraa akkuma balchummaa tiyyaatitti, ani waan yakkaa hin qanneef badhaasa naaf kenne.
2SA 22:26 «Ee, Mootii Waan Maraa, ati worra addatama'aaf, ka addatante; worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne.
2SA 22:27 Worra qulqullu'uuf, ati qulqullu'u; worra dabaalessaaf, akka daba isaaniititti gatii isaaniif kennita.
2SA 22:28 Ati worra gad ifi qabu hin baatta; worra kooru ammoo hin salphitta.
2SA 22:29 Ee, Mootii Waan Maraa, ati ifa naaf hin issita; Waaqa kiyya, ati dukkana tiyya hin issita.
2SA 22:30 Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola; qarqaarsa Waaqaatiin dalleya gubba'aan utaaluu dande'a.
2SA 22:31 «Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu; jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a; worra isatti baqatuuf, inni wonte'e.
2SA 22:32 Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu? Waaqa keenna malee rassaan eennu?
2SA 22:33 Jabeenna ka anaaf kennu, ka karaa naaf qajeelchu Waaqa.
2SA 22:34 Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa; koobota gubbaa sodaa malee na dhaabbachiisa.
2SA 22:35 Inni harka kiyya lolaaf hin leenjisa; guubee sageettu'uu harkisuu akka dande'u, irree tiyya hin jabeessa.
2SA 22:36 Wontee teeti ta fayyinnaa naa kenniteerta; qarqaarsi keeti guddaa na godheera.
2SA 22:37 Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhittee, miilli kiyyalle hin mucucaanne.
2SA 22:38 «Ani diinota kiyya ari'ee isaan balleesse; haga isaan badanutti ani duubatti hin deebine.
2SA 22:39 Akka isaan dande'anee hin kaane, gad isaan dhowe; isaan miila kiyya jalatti jigane.
2SA 22:40 Ati lolaaf hunna naaf kennite; mormitoota tiyya miila kiyya jalatti jilbiiffachiitte.
2SA 22:41 Ati diinoti kiyya worri na jibbu duubatti deebi'anee akka baqatanu goote; anille isaan balleesse.
2SA 22:42 Isaan qarqaarsa gaafatiisaaf iyyane; ammoo nami tokkolle isaan hin qarqaarre. Isaan Mootii Waan Maraa waamane; inni ammoo deebii hin kennine.
2SA 22:43 Akka bukuu qilleensi afuufuu, ani isaan butuche; akka dhoqqee karaa keessaa, ani isaan irra sirbe.
2SA 22:44 «Ati kolbaa tiyya ta na loltu jalaa na baatte; gosa biyya adda addaa irratti bulchaa na goote; kolbaan ani hin beenne na tajaajilte.
2SA 22:45 Worri ormaa na sossobatane; gurra kiyya akkuma dhage'aneen, naaf ajajamane.
2SA 22:46 Isaan Sodaatanee addii kutatane; raafamanee kushee jadduu ifii lakkisanee bayane.
2SA 22:47 «Mootiin Waan Maraa jiraata'a! Rassaan kiyya leellifamuu ti! Waaqi fayyisaan kiyya jajamuu ti.
2SA 22:48 Inni Waaqa diinota kiyya haluu naa bayu; gosa biyya adda addaa harka kiyya jala galcha.
2SA 22:49 Inni diinota kiyya jalaa na baasa. Diinota kiyya irratti ol ol na qaba; kolbaa hunnaan na irratti kaatu jalalle'ee na baasa.
2SA 22:50 Tanaaf, Mootii Waan Maraa, gosa biyya adda addaa oddu'utti si leellisa; faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha.
2SA 22:51 Mootiin Waan Maraa mooticha mootii godheef, injifachaa kenna; ka ifii muude Daawitii fi sanyii isaatiifille, jaalala ifii ka bara baraa itti mudhisa» jedhe.
2SA 23:1 Dubbiin Daawitii ta dhuma irratti inni dubbate ta asii gad jirtu: «Ergaan Daawitii ilma Iseyii, ka Ol Aanaa irraa guddinna dhaggatee, ka nama Waaqa Yaaqoobiitiin muudamee, faaruun faarsicha Israa'elii tana:
2SA 23:2 «Ayyaanni Mootii Waan Maraa karaa kiyyaan dubbateera; jechi isaa arraba kiyya irra jira.
2SA 23:3 Waaqi Israa'elii dubbateera; rassaan Israa'elii anaan, ‹Nami tokko balchumma'aan yennaa bulchu, Waaqa sodaatiisaan yennaa bulchu,
2SA 23:4 inni akka ifa ganamaa, ka duumensi adoo hin jiraatin yennaa aduun baatu ifuu ti; akka calalaqa roobaan duuba latti marra akka baattu godhuu ti› jedhe.
2SA 23:5 «Dhugumaan manni kiyya Waaqa duratti akkasii motii ree? Inni gondooroo bara baraa na woliin godhateera. Waan mara sirreessee jabeessee hin eega; fayyinna kiyyaa fi fedhii tiyya mara ka naaf muummessu isaa motii ree?
2SA 23:6 Garuu namooti hamooleen marti akka qoreettii nami harkaan wolitti qabuu hin dandeennee hin gataman.
2SA 23:7 Nami sibiilaa fi someya ebo'ootiin qoreettii wolitti hin qaba; qoreettiin sun achumaan ibiddaan hin gubanti.»
2SA 23:8 Maqaan loltoota Daawitii ta worra goototaa ta asii gad jiru: Yosheb-Baashebetii Takmoonicha sooressaa gootota sadii; inni lola tokko keessatti namoota dhibba saddeeti eboo ifiitiin fixe.
2SA 23:9 Ka isatti aanu ilma Dodoo Ahohichaa Ele'azaar; Filisxeemota lolaaf wolitti qabamanetti dhaadatanu, loltoota jannoota sad keessaa tokkochi isa. Achiin duuba Israa'elooti baqatane.
2SA 23:10 Inni ammoo haga irreen isaa irraa buututti, haga harki isaa shallaaga'atti gogutti Filisxeemota lole; guyyaa san Waaqi injifachaa guddaa isaaf kenne. Loltooti gara Ele'azaarii deebi'anee Filisxeemota worra ijjeefame irraa meya lolaa mulqatane.
2SA 23:11 Ka itti aanu ilma Aagee Haraarichaa Shama'a. Addee, «Lehi» jedhantutti fichaa misiraa keessatti yennaa Filisxeemoti wolitti qabantu, loltooti Israa'elootaa isaan duraa baqatane.
2SA 23:12 Shamaan garuu fichuma san keessa dhaabbatee, Filisxeemota ijjeesee fichaa irraa deebise; guyyaa san Mootiin Waan Maraa injifachaa guddaa isaaf kenne.
2SA 23:13 Yennaa midhaan galfatanu loltooti Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii keessatti addee qabatanee adoo jiranu, loltoota gootota soddoma keessaa sadiin addee Daawiti jiru gara goda «Adulaam» jedhamuu dhufane.
2SA 23:14 Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; gareen loltoota Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiran.
2SA 23:15 Daawiti dharraa guddo'oon, «Boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan unu eennutti naaf fida laati?» jedhe.
2SA 23:16 Maarre loltooti goototi sadiin sun quttuma Filisxeemotaa keessa dabaranee boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan woraabanee Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansa godhee, Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee,
2SA 23:17 «Ee, Mootii Waan Maraa, waan akkasii kana godhiis narraa fagaatu! Kun dhiiga worra lubbuu ifii gurguratee dhaqeetii motii ree?» jedhe; tanaaf Daawiti bisaan isaaf fidane san uniisa hin barbaanne. Jannummaan loltooti goototi sadiin sun godhane tana.
2SA 23:18 Abiishaayi obboleessi Yo'aabii ka Zeruyaan deette sooressaa worra sadiin kanaa ti. Inni eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeesee, akka worra sadiin sanii loliisaan gurri isaa ka'e.
2SA 23:19 Inni worra sadiin san caalaa ulfinna guddaa qabaa motii ree? Akka isaanii beekkamuu dhabulle ajajaa isaanii te'e.
2SA 23:20 Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee, neenqa tokkolle ijjeeseera.
2SA 23:21 Inni nama biyya Gibxi'ii tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun eboo qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese.
2SA 23:22 Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate.
2SA 23:23 Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawitille worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate.
2SA 23:24 Worra soddoma keessaa maqaan isaanii ka asii gad jiru: Obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa,
2SA 23:25 nama biyya Harorii Shaamaa, nama biyya Haarodii Eliiqaa,
2SA 23:26 nama biyya Phaaltii Helez, nama qachaa Teqo'aa ilma Iqeshii Iiraa,
2SA 23:27 nama qachaa Anaatotii Abii'ezer, nama biyya Hushaatii Mebunaa'i,
2SA 23:28 nama biyya Ahohii Zaalmon, nama biyya Netofii Maharaay,
2SA 23:29 ilma Ba'anaa nama biyya Netofii Heled, sanyii Beniyaamin keessaa ilma Rebaayii nama qachaa Giibe'aa Iitaayi,
2SA 23:30 nama biyya phiiraatonii Benaayaan, nama dhooqa Ga'aashii Hiidaayi,
2SA 23:31 nama biyya Aarabataahii Abii-Alboon, nama biyya Barhumii Az-maawet,
2SA 23:32 ilmaan Yaashenii keessaa nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa,
2SA 23:33 ilma Shamaa nama biyya Haraarii Yonaataan, ilma Shaaraarii nama biyya Haraarii Ahii'aam,
2SA 23:34 ilma Ahasbaayii nama biyya Ma'akaatii Eliifelex, ilma Ahiitofelii nama biyya Giloonii Elii'aam,
2SA 23:35 nama biyya Qarmelosii Hezro, nama biyya Arbaa'ii Pha'iiraayi,
2SA 23:36 nama biyya Zobaa ilma Naataanii Iigaal, nama biyya Gaadii Baan,
2SA 23:37 nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii Naharaayi ka Zeruyaan deette ka meya lolaa Yo'aabiif ba'atu,
2SA 23:38 nama biyya Itrii Iiraa, nama biyya Itrii Gaareb,
2SA 23:39 nama biyya Heetii Uriiyaa fa'a; isaan kun wolumatti nama soddomii torba.
2SA 24:1 Ammalle aariin Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti bobeettee, «Dhaqiitii kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa laakkow» jedhee Daawiti isaan irratti kaase.
2SA 24:2 Maarre mootichi Daawiti Yo'aabii fi ajajjoota loltootaa ka isa woliin jiranuun, «Ani laakkossa namoota kiyyaa akka beeku gosa Israa'elii mara keessa deema'aatii Bersheeba'aa haga Daaniititti Israa'eloota laakkowa'a» jedhe.
2SA 24:3 Yo'aab ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii dachaa dhibba baceessuu ti; ilti goottaa kiyya mootichaalle tana dhaggituu ti; garuu goottaan kiyya mootichi maaf waan akkasii kana godhuu barbaade?» jedhe.
2SA 24:4 Te'uu malee ajaji mootichaa Yo'aabii fi ajajaa loltootaa irratti jabaate; maarre Yo'aabii fi ajajaan loltootaa kolbaa Israa'elii laakkowiisaaf mooticha biraa bayane.
2SA 24:5 Isaan laga Yordaanosii gamatti bu'anee bayaneen duuba, qachaa Aro'erii gara kibbaatiin qubatanee, karaa Gaadiitiin gara qachaa Yaazerii deemane.
2SA 24:6 Isaan achii ka'anee gara Giil'aadiitii fi gara lafa Heetotaa Qaadesh keessa dabaranee gara qachaa Daan Yaa'aanii deemane, Daanii ka'anee marfatanee gara qachaa Sidoonii deemane.
2SA 24:7 Achiin duuba gara kushee Xiiroosii, gara qachoota Hiiwotaatii fi gara qachoota Kana'aanotaa mara deemane. Dhuma irratti gara qachaa Bersheebaa ka biyya Yihuda'aa keessa gara kibbaatitti dhaggamuu deemane.
2SA 24:8 Maarre isaan lafa mara keessa deddeemanee ji'a sagalii fi bulii diddamaan duuba gara Yerusaalemii deebi'ane.
2SA 24:9 Yo'aab laakkossa kolba'aa mootichatti hime; Israa'el keessa namoota kuma dhibba saddeeti, Yihudaa keessalle namoota kuma dhibba shan worra shallaaga'aan loluu dande'utti jiraayyu.
2SA 24:10 Te'uu malee Daawiti kolbaa laakkoween duuba gadhaan hammaatee, Mootii Waan Maraatiin, «Ani gowwumma'aan cubbuu guddoo akkasii waan godheef, cubbuu ana tajaajilaa keetii akka araarantuuf, si gaafadha» jedhe.
2SA 24:11 Daawiti ganamaan yennaa ka'e, jechi Mootii Waan Maraa gara Gaadii raagichaa ka Daawitiif mudhii dhagguu dhufee,
2SA 24:12 «Gara Daawitii dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani filannoo sad si'iif hin kenna; isaan keessaa ka ani sitti fidu tokko filadhu siin jedha› jedhii itti himi» jedhe.
2SA 24:13 Maarre Gaadi gara Daawitii dhaqee isaan, «Beelti woggaa sadii lafa teeti irratti dhutte woyya moo? Yookiin diinni keeti si ari'anuun ji'a sad isaan duraa baqattu woyya moo? Yookiin balaa guyyaa sadii lafa teeti irratti fidu sii woyya? Amma tana irratti yaadadhuutii ka na ergeef deebii akka kennu murteeffadhu» jedhe.
2SA 24:14 Daawitille Gaadiin, «Ani rakkinna guddaa keessa jira. Ani harka namootaatiin adabamuu manna, marartiin Mootiin Waan Maraa guddoo waan teeteef, harka Mootii Waan Maraatiin adabamu naaf woyya» jedhe.
2SA 24:15 Maarre Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti balaa buusee, ganama sanii kaasee haga guyyaa murteeffameetitti Daanii haga Bersheeba'aatitti namooti kum torbaatam dhumatane.
2SA 24:16 Yennaa ergamaan Waaqaa Yerusaalem balleessiisaaf harka ifii diriirse, Mootiin Waan Maraa marroo badii sanii gaddee, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu.
2SA 24:17 Daawiti ergamaa Waaqaa ka kolbaa fixiisatti jiru san yennaa dhagge, Mootii Waan Maraatiin, «Kunoo, nami cubbuu huje ka dokonkorelle ana; kolbaan tun ammoo akka hoole'ee ti; isaan maan godhane? Addabbiin teeti anaa fi maatii abbaa kiyyaa irratti teetuu ti» jedhe.
2SA 24:18 Guyyaa san Gaad gara Daawitii dhaqee isaan, «Ka'iitii eeddummee Ornaa Yibusichaa irratti Mootii Waan Maraatiif addee ciinca'aa ijaari» jedhe.
2SA 24:19 Maarre Daawitille akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Gaadiitiin isa ajaje godhe.
2SA 24:20 Orna yennaa ilaalu mootichii fi namooti isaa gara isaa dhufiisatti jiranuun dhaggee, gad bayee fuula mootichaa duratti gad lafatti gombifame.
2SA 24:21 Orna, «Goottaan kiyya mootichi gara tajaajilaa ifii maaf dhufe?» jedhee gaafate. Daawiti deebisee, «Balaan kolbaa irratti bu'e kun akka dhaabbatu, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa ijaariisaaf, eeddummee teeti bitatiisaaf dhufe» jedhe.
2SA 24:22 Orna Daawitiin, «Kennansa gubamu dhikeessiisaaf qotiyyooti kunoo ti; qoraaniifille waanjoon qotiyyootaatii fi uleen midhaaniin dhowanu kunoo ti; goottaan kiyya mootichi waanuma isatti tole fuudhee kennansa gubamu dhikeessuu ti;
2SA 24:23 ee, mooticha ani Orna waan kana mara si'iif hin kenna» jedhe. Itti dabalee Orna mootichaan, «Mootiin Waan Maraa kennansa gubamu sirraa fudhatuu ti» jedhe.
2SA 24:24 Mootichi ammoo deebisee Ornaaniin, «Waawwo'o; ani gatii si'iif hin kaffala; waan gatii hin kaffalin Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf kennansa gubamu hin dhikeessu» jedhe. Maarre Daawiti eeddumme'ee fi qotiyyoo beesee meeti'ii dhibba jaan bitate.
2SA 24:25 Daawiti achitti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesse. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata marroo lafaatiif daadimatane dhage'ee, balaan Israa'el irratti bu'e dhaabbate.
1KI 1:1 Mootichi Daawiti guddoo waan dulloomeef, tajaajiltooti isaa bullukkoo hedduu itti uffisanulle inni o'ifatuu hin dandeenne.
1KI 1:2 Maarre tajaajiltooti isaa, «Ee Mooticha, durra si woliin jiraattee si tajaajiltu si'iif barbaanna; isiin cinaa teeti irkattee si o'itti» jedhane.
1KI 1:3 Achiin duuba isaan lafa Israa'elii duudii keessa, durra dansittii barbaadanee, intala «Abiishaag» jedhantu takka qachaa Shuneemiititti dhagganee, mootichaaf fidane.
1KI 1:4 Isiin guddoo dansitti'i; mooticha wolille'een jiraattee isa tajaajilte; te'uu malee inni isii hin tundhe.
1KI 1:5 Adoniyaan ilmi Haagiiti deette, «Ani mootii te'a» jedhee ifi dhikeesse; inni garreettaa fardaan harkifamu, abbootii fardaatii fi namoota shantama ka isa dura deemanu qopheeffate.
1KI 1:6 Adoniyaan Abiishaalom irratti dhalate; inni guddoo dansicha; abbaan isaa Daawiti gaafa inni dhalateen jalqabee, «Maaf tana yookiin san goote?» jedhee akka malee isa xixee hin beeku.
1KI 1:7 Adoniyaan Yo'aabii ilma Zeruyaan deettee fi hayyicha Abiyaataar woliin mari'ate; isaanille isa qarqaariisaaf wolii galane.
1KI 1:8 Ammoo hayyichi Zaadoq, Benaayaan ilmi Yehoyaada'aa, raagichi Naataan, Shime'i, Re'iinii fi eeddoti mooticha Daawitii, yaada Adoniya'aa hin fudhanne.
1KI 1:9 Gaafa tokko Adoniyaan dhakaa «Zohelet» jedhamu, ka madda En-Rogeelii bira jiru biratti hoolota, korommi'ii fi dardaroota cocooma qalee ciincaa dhikeessee, obboleeyyan ifii mara, ilmaan mooticha Daawitiitii fi qondaaltota mootumma'aa ta Yihudaa keessaa mara waame.
1KI 1:10 Inni ammoo raagicha Naataan, Benaayaa, eeddota mooticha Daawitiitii fi obboleessa ifii Solomoon hin waanne.
1KI 1:11 Achiin duuba Naataan Baat-Sheebaa haadha Solomooniitiin, «Daawiti goottaan keenna adoo hin beekin Adoniyaan ilmi Haagiiti deette mootii akka te'e ati hin dhageennee?
1KI 1:12 Tanaaf amma ati lubbuu teetii fi lubbuu ilma keeti Solomoonii akka hamburattu ani sitti gorsa.
1KI 1:13 Ammuma gara mooticha Daawitii dhaqiitii, ‹Ee, goottaa kiyya mooticha, ati ilmi kiyya Solomoon si'iin duuba addee teetitti mootii akka te'u, barcumaa mootumma'aa keeti irralle akka tee'u ana tajaajiltuu teetiif hin kakannee? Eegasuu Adoniyaan maaf mootii te'e ree?› jedhiin.
1KI 1:14 Adoo ati mooticha Daawiti woliin dubbatiisatti jirtuu, ani dhufee wonni ati dubbatte dhugaa akka teete hin mirkaneessa» jedhe.
1KI 1:15 Maarre Baat-Sheebaan gara kolloo mooticha dulloomeeru, ta durrittiin Shunamittiin Abiishaag tajaajiliisatti jirtuu seente.
1KI 1:16 Baat-Sheebaan mooticha duratti jilbiiffattee, fuulaan lafatti gad gombifante; innille, «Ati maan barbaadda?» jedhee gaafate.
1KI 1:17 Isiin deebittee, «Ee, goottaa kiyya, ‹Ilmi keeti Solomoon naan duuba addee tiyyatti mootii hin te'a; barcumaa mootumma'aa kiyya irralle hin tee'a› jettee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin ana tajaajiltuu teetiif kakatteertaayyu.
1KI 1:18 Amma ammoo adoo ati hin beekin Adoniyaan mootii te'eera.
1KI 1:19 Inni korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, hayyicha Abiyaataarii fi ajajaa loltootaa Yo'aab waameera; tajaajilaa keeti ilma keeti Solomoon ammoo hin waanne.
1KI 1:20 Ee, goottaa kiyya mooticha, si'iin duuba addee teetitti mootii ka te'u, eennu akka te'e ati akka hintuuf, kolbaan Israa'elii si eegatiisatti jirti.
1KI 1:21 Yoo ati himuu dhadde, ati goottaan kiyya mootichi duuteen duuba, anii fi ilmi kiyya Solomoon akka yakkaameyyi'iititti hin laakkowanna» jette.
1KI 1:22 Adoo isiin mooticha woliin dubbatiisatti jirtuu, raagichi Naataan ol seene.
1KI 1:23 Tajaajiltooti, «Raagichi Naataan dhufeera» jedhanee mootichatti himane; Naataanille mooticha dura dhaqee fuulaan lafatti gad gombifame.
1KI 1:24 Achiin duuba raagichi Naataan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, si'iin duuba Adoniyaan addee teetitti mootii akka te'u, barcumaa mootumma'aa keeti irralle akka tee'u beessitteertaa?
1KI 1:25 Guyyaa adhaa Adoniyaan korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, ajajjoota loltootaatii fi hayyicha Abiyaataar waameera; kunoo isaan amma isa woliin nyaataa, unaa, ‹Ee mooticha Adoniya'a, bara hedduu mootom!› jedhiisatti jiran.
1KI 1:26 Ammoo ana tajaajilaa keeti, hayyicha Zaadoq, Benaayaa ilma Yehoyaada'aatii fi ilma keeti Solomoon hin waanne.
1KI 1:27 Wonni kun waan ati goottaan kiyya mootichi gootee ree? Ati nama si'iin duuba addee teetitti mootii te'u, ka barcumaa mootumma'aa keeti irralle tee'u, tajaajiltoota teetitti hin hinnee?» jedhe.
1KI 1:28 Achiin duuba mootichi Daawiti, «Deebitee akka dhuttu Baat-Sheebaa naaf waama'a» jedhe; maarre isiin ol seentee mooticha dura dhaabbatte.
1KI 1:29 Achiin duuba mootichi kakatee, «Maqaa Mootii Waan Maraa jiraata'aa, ka rakkoo mara jalaa na baasee,
1KI 1:30 ani, ‹Ilmi keeti Solomoon anaan duuba mootii hin te'a, barcumaa mootumma'aa kiyya irralle hin tee'a› jedhee, waan maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin si'iif kakadhe, adha hin muummessa» jedhe.
1KI 1:31 Achiin duuba Baat-Sheebaan mooticha duratti jilbiiffattee, fuulaan lafatti gad gombifantee, «Goottaa kiyya mooticha Daawiti, jiraadhu!» jette.
1KI 1:32 Achiin duuba mootichi Daawiti, «Hayyicha Zaadoq, raagicha Naataanii fi Benaayaa ilma Yehoyaada'aa naaf waama'a» jedhe. Yennaa isaan mooticha dura dhufane,
1KI 1:33 mootichi isaaniin, «Tajaajiltoota tiyya woliin dhaqa'aatii, ilma kiyya Solomoon gaangee tiyya irra teessisa'aatii gara madda Giihonii geessa'a.
1KI 1:34 Achitti hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan isa muudanee mootii Israa'elii godhanuu ti. Achiin duuba tultullaa afuufaa qoonqoo teessan ol qabadha'aatii, ‹Mooticha Solomoon bara hedduu mootom!› jedha'a.
1KI 1:35 Achiin duuba isin isa gara Yerusaalemii fida'aatii, inni dhufee, barcumaa mootumma'aa kiyya irra tee'ee, addee tiyyatti mootii te'ee bulchuu ti. Ani akka inni bulchaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa te'u isa filadheera» jedhe.
1KI 1:36 Ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, deebisee mooticha Daawitiin, «Ameen! Mootiin Waan Maraa Waaqi goottaa kiyya mootichaa waan kana muummessuu ti.
1KI 1:37 Mootiin Waan Maraa akkuma si goottaa kiyya mooticha woliin jiraate, Solomoon wolille'een jiraatuu ti; barcumaa mootummaa isaalle barcumaa mootumma'aa ka si goottaa kiyya mooticha Daawitii caaluuyyuu jabeessuu ti» jedhe.
1KI 1:38 Maarre hayyichi Zaadoq, raagichi Naataan, ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, worri mooticha eeganu Keretoototii fi Pheletoototi Solomoon gaangee Daawitii mootichaa irra teessisanee, gara madda Giihonii geessane.
1KI 1:39 Hayyichi Zaadoq gaafa zayitiin ejersaa keessa jirtu Dunkaanii Woyyittii keessaa fuudhee, Solomoon muude; achiin duuba isaan tultullaa afuufanee, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee, «Mooticha Solomoon, mootom!» jette.
1KI 1:40 Kolbaan marti Yerusaalem keessatti isa gula deemaa, suusullee afuufaa, gammada gudda'aan firinxiixanee, hogaa isaaniitiin latti tachoote.
1KI 1:41 Adoniya'aa fi keessummooti isa woliin jirtu marti, jila muummeffatiisatti adoo jiranuu hogaa dhage'ane. Yo'aab qoonqoo tultulla'aa yennaa dhage'e, «Hogaan qachaa keessaa kun marti maan?» jedhee gaafate.
1KI 1:42 Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu ilmi Abiyaataarii hayyichaa Yonaataan dhufe; Adoniyaan Yonaataaniin, «Ati nama dansaa waan teeteef, oduu dansaa fiddee dhufuu hin dhaddu, ol seen me!» jedhe.
1KI 1:43 Yonaataanille deebisee, «Ani oduu dansaa fidee hin dhunne; goottaan keenna mootichi Daawiti, Solomoon mootii godheera.
1KI 1:44 Mootichille hayyicha Zaadoq, raagicha Naataan, Benaayaa ilma Yehoyaada'aa, worra mooticha eeganu Keretootaatii fi Pheletoota akka isa bookarsanuuf ergeera; isaanille gaangee mootichaa irra isa teessisanee,
1KI 1:45 hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan madda Giihonii biratti, Solomoon muudanee mootii godhane. Achiin duuba kolbaan gammaddee ilillisaa gara qacha'aa deebitee hogisiisatti jirti; hogaan isin dhageettane kun isa.
1KI 1:46 Kana maleelle Solomoon barcumaa mootumma'aa irra tee'eera.
1KI 1:47 Tajaajiltooti mootumma'aalle gammadaaf, gara mooticha Daawitii dhuttee, ‹Waaqi keeti maqaa Solomoonii maqaa keeti caalaa ka beekkame, mootummaa isaalle mootummaa teeti caalaa ta jabaatte godhuu ti› jetteerti; mootichi Daawitille taqee ifii irratti gad gombifamee Waaqa waaqonfatiisaan,
1KI 1:48 ‹Sanyii tiyya keessaa nama addee tiyyatti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa kiyya irra tee'u, Ka adha ila tiyyaan na dhaggisiise, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii leellifamuu ti!› jedheera» jedhe.
1KI 1:49 Achiin duuba keessumooti Adoniyaan waame marti sodaatanee ka'anee, karaa karaa bittinnowane.
1KI 1:50 Adoniyaan ammoo Solomoon sodaatee, dhaqee gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabate.
1KI 1:51 Achiin duuba, «Adoniyaan si sodaatee gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabatee, ‹Solomoon ana tajaajilaa isaa shallaaga'aan akka hin ijjeenne adha naaf kakatuu ti› jedhiisatti jira» jedhanee Solomoonitti himane.
1KI 1:52 Mootichi Solomoon deebisee, «Inni nama addatamaa yoo te'u te'e, rifeensi mataa isaatuu lafa hin bu'u; hammeenni isa irratti yoo dhaggame ammoo hin du'a» jedhe.
1KI 1:53 Achiin duuba mootichi Solomoon, namoota Adooniya'atti ergee, isaanille addee ciinca'aa irraa isa gad buusane. Adoniyaan dhaqee mooticha Solomooniif gad gombifame; mootichille, «Gara mana keetii deemi» jedheen.
1KI 2:1 Daawiti yennaa du'iisa geye, ilma ifii Solomoon waamee, itti gorsee,
1KI 2:2 «Yennaan ani du'u geetteerti; jabaadhu; nama shenicha te'i.
1KI 2:3 Addee ati dhaxxu maratti, wonni ati gootu duudiin akka si'iif milkoottu, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si irraa barbaadu muummessi; karaa isaa irra ideemi; akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffante, sirna, ajaja, seeraa fi seerata isaa eegadhu.
1KI 2:4 Mootiin Waan Maraa, ‹Sanyiin teeti gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin addatamumma'aan ifi eegattee fuula kiyya dura yoo deddeebite, sanyii teeti keessaa nami mootii te'ee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u hin dhabamu› jedhee waadaa naaf gale hin muummessa.
1KI 2:5 «Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab, ajajjoota loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ilma Yeterii Amaasaa akka ijjeese, analle waan inni godhe atinuu hin beetta; inni adoo lolli hin jiraatin, yennaa nageyaa keessa isaan ijjeesee, dhiiga isaanii qabattoo hidha ifiitii fi kophee miila ifiititti akka dibe hin beetta.
1KI 2:6 Akka qarummaa teetiititti waan godhamu'uu malte godhi malee, dulloomee nageyaan haga inni du'utti isa hin eegin.
1KI 2:7 «Ilmaan Baarzilaayii Giil'aadichaa, yennaa ani obboleessa keeti Abiishaalom duraa baqadhe, waan dansaa waan naa godhaneef, atille isa marari; worra qorii teeti keessaa nyaatanu wolille'een nyaatanuu ti.
1KI 2:8 «Kunoo, Shime'iin ilmi Geraa Beniyaamichaa ka qachaa Bahuriimii keessa le'u, yennaa ani gara Mahanaayinii dhaqe, ka akka malee na abaare si woliin jira; te'uu malee yennaa inni na qophatiisaaf gara laga Yordaanosii gad dhufe, ani, ‹Shallaaga'aan si hin ijjeesu› jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin isaaf kakadheera.
1KI 2:9 Amma ammoo ati akka nama yakkaa hin qanneetitti isa hin laakkowin; ati nama qaroo waan teeteef, waan isa gootu hin beetta; dullummaa isaa keessa isa ijjeesi» jedhe.
1KI 2:10 Achiin duuba Daawiti du'ee, abbootii ifii ta durii biratti qachaa ifii Yerusaalem keessatti awwaalame.
1KI 2:11 Daawiti woggaa torba Kebroon keessatti, woggaa soddomii sad Yerusaalem keessatti, wolumatti woggaa afurtama Israa'el bulche.
1KI 2:12 Solomoon mootii te'ee barcumaa mootummaa abbaa ifii Daawitii irra tee'e; mootummaan isaalle jabaattee dhaabbatte.
1KI 2:13 Achiin duuba Adoniyaan ilmi Haagiiti deette gara Baat-Sheebaa haadha Solomoonii dhaqe; Baat-Sheebaalle, «Nageyaafuu dhuttee?» jettee gaafatte. Inni deebisee, «Eeti'i, nageyuma» jedhe.
1KI 2:14 Achiin duuba inni itti dabalee, «Ani waan sitti himadhu qaba» jedhe. Isiille, «Himattu ree!» jetteen.
1KI 2:15 Inni deebisee, «Akkuma ati beettu silaa mootummaan tiyya; Israa'elooti duudiin, ‹Isattuu mootii nu'uuf te'a› jedhanee eegataa turane; ammoo Mootiin Waan Maraa waan isaaf kenneef, dubbiin jijjiirantee, obboleessi kiyya mootii te'e.
1KI 2:16 Ammalle waan si kadhadhu tokko waan qabuuf, na hin didin» jedhe. Isiille, «Kadhattu ree!» jetteen.
1KI 2:17 Inni deebisee, «Mootichi Solomoon si hin didu, Abiishaagii Shuneemittii akka ani fuudhuuf maganne'e isatti naaf himi!» jedhe.
1KI 2:18 Baat-Sheebaalle, «Dansa'a! Ani mootichatti si'iif hin hima» jetteen.
1KI 2:19 Maarre Baat-Sheebaan waan Adoniya'aa himiisaaf gara Solomoonii mootichaa dhaxxe; mootichi ol ka'ee haadha ifii nageya fuudhiisaaf gad jedheef; achiin duuba barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, barcumaa mootumma'aa ka dhibii haadha ifiitiif akka fidanu godhee, midda ifiititti isii teessise.
1KI 2:20 Isiin mootichaan, «Ani waan diqqoo takka si kadhadha maganne'e na hin didin!» jette. Mootichille, «Haadha tiyya, si hin didu kadhadhu» jedheen.
1KI 2:21 Isiin deebittee, «Abiishaagiin Shuneemittiin, obboleessa keeti Adoniyaa heerumtuu ti» jette.
1KI 2:22 Mootichi Solomoon deebisee, haadha ifiitiin, «Ati Abiishaagii Shuneemittii Adoniya'aaf maaf gaafatta? Inni obboleessa kiyya angaficha waan te'eef, hayyichi Abiyaataarii fi ilmi Zeruyaan deette Yo'aab isa woliin waan jiranuuf, mootummaa tiyyalle isaaf maaf hin gaafatin ree?» jedhe.
1KI 2:23 Achiin duuba Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiin kakatee, «Adoniyaan gaaffii akkasii waan gaafateef, yoo inni du'aan hin adabamin Waaqi na ijjeesuu ti.
1KI 2:24 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka akkuma waadaa naaf galetti, barcumaa mootummaa abbaa kiyya Daawitii irra jabeessee na dhaabee, mootummaa sanyi'ii tana anaa fi sanyii tiyyaaf kennee, Adoniyaan adhuma hin ijjeefama» jedhe.
1KI 2:25 Maarre mootichi Solomoon, ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan akka Adoniyaa ijjeesu ajaje; innille dhaqee Adoniyaa dhowee ijjeese.
1KI 2:26 Achiin duuba mootichi Solomoon hayyicha Abiyaataariin, «Atille nama ijjeefamu'uuf maleeyyu; ammoo Saanduqa Gondooroo Goottaa Mootii Waan Maraa ba'attee, abbaa kiyya Daawiti dura deemaa, rakkoo isa dhaqqadde duudii isa woliin waan qoodanteef ani si hin ijjeesu, gara biyya teetii Anaatoti deemi!» jedhe.
1KI 2:27 Maarre Solomoon hujii Abiyaataar hayyumma'aan Mootii Waan Maraa tajaajilu irraa isa ari'e; tanaaf jechi Mootii Waan Maraa marroo sanyii Eli'iitiif Shiilo'otti dubbate muummowe.
1KI 2:28 Yo'aab, ka yaada Abiishaalomii didee, yaada Adoniya'aa qarqaare, oduu tana yennaa dhage'e, sodaatee gara dunkaanii Mootii Waan Maraa baqatee, gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabate.
1KI 2:29 Yo'aab gara dunkaanii Mootii Waan Maraa baqatee, addee ciinca'aa bira akka jiru, mootichi Solomoon yennaa dhage'e, ilma Yehoyaada'aa Benaayaan ergee, «Dhaqiitii isa ijjeesi!» jedhe.
1KI 2:30 Maarre Benaayaan gara dunkaanii Mootii Waan Maraa dhaqee, Yo'aabiin, «Mootichi ‹Gad bayi› siin jedha» jedhe. Yo'aab ammoo deebisee, «Lakkii, asumatti du'a!» jedhe. Benaayaan gara mootichaa deebi'ee, waan Yo'aabii jedhe isatti hime.
1KI 2:31 Achiin duuba Mootichi Solomoon Benaaya'aan, «Akkuma Yo'aab siin jedhe, isa ijjeesiitii awwaali; akka kanaan yakkaa Yo'aab dhiiga nama yakkaa hin qannee dhangalaasiisaan nutti fide, anaa fi mana abbaa kiyya irraa qulqulleessi.
1KI 2:32 Abbaan kiyya Daawiti adoo hin beekin, Yo'aab ajajaa loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ajajaa loltoota Yihuda'aa ilma Yeterii Amaasaa, worra isa caalaa balchaa te'ane, lolee shallaaga'aan waan ijjeeseef, dhiiga inni dhangalaaseef, Mootiin Waan Maraa haluu isa hin baya.
1KI 2:33 Yo'aab namoota san ijjeesiisaan, yakkaan inni yakke mataa isaatii fi mataa sanyii isaatitti deebituu ti; Daawitii fi maatii isaatiifille, sanyii isaatii fi barcumaa mootummaa isaatiifille ammoo nageenni Mootii Waan Maraa haga bara baraa te'uu ti» jedhe.
1KI 2:34 Maarre ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan dhaqee Yo'aab dhowee ijjeese; Yo'aab lafa goomole'ee keessatti lafa ifiititti awwaalame.
1KI 2:35 Mootichi Solomoon, ilma Yehoyaada'aa Benaayaa addee Yo'aabiititti ajajaa loltootaa godhe; hayyicha Zaadoq addee Abiyaataariititti hayyicha godhe.
1KI 2:36 Achiin duuba mootichi Solomoon Shime'itti ergee, «Ati Yerusaalem keessatti mana ijaaradhuu achi le'i malee, addee dhibii hin deemin.
1KI 2:37 Qachaa Yerusaalemii keessaa baatee, laga Qedroonii yoo gamatti buute dhugumaan akka duutu beeki; dhiiga keetiif si'umatti itti gaafatama» jedheen.
1KI 2:38 Shime'ille deebisee mootichaan, «Wonni ati jette dansa'a; ani tajaajilaan keeti akkuma ati goottaan kiyya mootichi jette hin godha» jedhee, qachaa Yerusaalemii keessa yennaa hedduu le'e.
1KI 2:39 Woggaa sadiin duuba ammoo, garboolee Shime'ii keessaa lama isa duraa baddee, gara mooticha qachaa Gaatii, ilma Ma'aka'aa Akiishitti baqatte. Shime'i garbooleen isaa Gaati akka jirtu yennaa dhage'e,
1KI 2:40 harree ifii kooraa itti qopheeffatee isaan barbaadiisaaf, gara Akiishii mooticha qachaa Gaatii dhaqee, garboolee ifii achitti dhaggee, gara mana ifii fudhatee gale.
1KI 2:41 Shime'i qachaa Yerusaalemii keessaa bayee, gara qachaa Gaatii dhaqee akka deebi'e, mootichi Solomoon yennaa dhage'e,
1KI 2:42 isatti ergee, «Addee dhibii deemiisaaf jettee, qachaa Yerusaalemii keessaa yoo baate akka duutu beeki» jedhee, maqaa Mootii Waan Maraatiin si kakachiisee, ani si ifi eeggachiisee hin jiruuyyuu? Atille, «Wonni ati jette dansa'a! Si'iifille hin ajajama» naan jetteerta.
1KI 2:43 Maarre kakuu maqaa Mootii Waan Maraatiin kakattee fi ajaja kiyya maaf hin eeganne ree?
1KI 2:44 Mootichille deebisee, «Yakkaa abbaa kiyya Daawiti irratti hujje duudii gadhaan keeti hin beeka; maarre amma waan hantuu ati hujjeef Mootiin Waan Maraa si hin adaba.
1KI 2:45 Ani mootichi Solomoon ammoo hin eebbifama; barcumaan mootummaa Daawitiille haga bara baraa Mootii Waan Maraa duratti jabaatee hin dhaabbata» jedhe.
1KI 2:46 Achiin duuba mootichi, akka Shime'i ijjeesuuf, ilma Yehoyaada'aa Benaayaa ajaje; Benaayaalle dhaqee Shime'i dhowee ijjeese. Solomoonille mootummaa san harkatti galfate.
1KI 3:1 Solomoon intala mooticha Gibxi'ii fuudhee isa woliin firoome; inni mana mootummaa ifiitii fi Galma Mootii Waan Maraa ijaaree haga fixutti, Yerusaalemitti dalleya marsee ijaaree haga fixutti, qachaa Daawitii keessa isii keye.
1KI 3:2 Yennaa san Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramee waan hin jirreef, kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitiiyyu.
1KI 3:3 Solomoon seerata abbaa ifii Daawitiititti buliisaan, Mootii Waan Maraa jaalate; te'uu malee addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessee hixaana aarse.
1KI 3:4 Addeen waaqonfanna'aa ta qachaa Giibe'onii, irra caalaa barbaachittuu waan teeteef, mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta achi jirtu irratti ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe; inni addee ciinca'aa san irratti ciincaa kuma tokko dhikeesse.
1KI 3:5 Halkan san achitti Mootiin Waan Maraa oojju'uun Solomoonitti mudhatee, «Akka si'iif kennu waan barbaaddu na gaafadhu» jedhe.
1KI 3:6 Solomoon deebisee, «Abbaan kiyya Daawiti tajaajilaan keeti addatamumma'aan, balchumma'aa fi qajeelumma'aan si dura waan deddeebi'eef, jaalala keeti guddaa ka bara baraa isaaf mudhitteerta; jaalala keeti guddaa ka bara baraa kana isaaf eeddee, adhalle ilma addee isaatitti barcumaa mootummaa isaa irra tee'u isaaf kenniteerta.
1KI 3:7 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani tajaajilaan keeti addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii akka te'u gooteerta; ani ammoo ijoolle'e; attam akka bulchanulle hin beeku.
1KI 3:8 Kunoo ani tajaajilaan keeti, kolbaa ati filatte bindillaa laakkowanee hin dhaqqanne odduu jira.
1KI 3:9 Tanaaf kolbaa teeti bulchiisaaf, hantu'uu fi dansaa gargar baasee akka beeku, qalbii hubanti'ii ana tajaajilaa keetiif kenni. Yoo akkas hin te'in kolbaa teeti guddoo tana eentu bulchuu dande'a ree?» jedhe.
1KI 3:10 Solomoon tana waan gaafateef Mootiin Waan Maraa gammade.
1KI 3:11 Maarre Waaqi Solomooniin, «Ati ifiif bara dheeraa le'iisaaf yookiin duroomiisaaf yookiin diinoti keeti akka du'anuuf adoo hin te'in, muraa haqaa kenniisaaf qarummaa waan na gaafatteef,
1KI 3:12 ani waan ati na gaafatte siif hin godha; qarumma'aa fi hubantii nami tokkoolle tanaan qara hin qanne yookiin haganaa achille dhaggatuu hin dandeenne si'iif hin kenna.
1KI 3:13 Ammalle waan ati na hin gaafatin, durumma'aa fi ulfinna si'iif hin kenna; bara jiruu teetii moototi si'iin qixxoottu hin jiraattu.
1KI 3:14 Akkuma abbaa keeti Daawitii, karaa kiyya yoo deente, seerataa fi ajaja kiyyaaf yoo ajajante, bara keeti si'iif hin dheeressa» jedhe.
1KI 3:15 Achiin duuba Solomoon hirriibaa dammaqee, akka oojjuu teete hubate; inni gara Yerusaalemii dhaqee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee ciincaa dhikeessee, kennansa tokkumma'aa kenne; tajaajiltoota ifii duudiille'eef jila jilise.
1KI 3:16 Gaafa tokko dubartooti sagaagaltooti lama gara Solomoonii mootichaa dhufanee, isa dura dhaabbatane.
1KI 3:17 Isaan lamaan keessaa takkattiin mootichaan, «Goottaa kiyya, anii fi dubartittiin tun mana tokko keessa leena; adoo isiin na woliin achi jirtuu ani ilma deye.
1KI 3:18 Ani ilma deyeen duuba, guyyaa sadeesso'ootitti isiille ilma deette; mana san keessa nu lamaan malee nami dhibiin hin jiruuyyu.
1KI 3:19 Dubartittiin tun halkan tokko annuu ifii irra waan irkatteef, annuun sun du'e.
1KI 3:20 Achiin duuba ani tajaajiltuun teeti adoo rafeeruu, isiin halkan wodhakkaa kaatee, annuu kiyya cinaa tiyyaa fuutee cinaa ifii irkittee, annuu isi'ii ka du'e cinaa tiyya irkitte.
1KI 3:21 Boruyyaa ganama ani annuu kiyya hoosifatiisaaf yennaa ka'u, isa du'eeru dhagge; barii latti itteertuun hubadhee yennaa ilaale, annuu ani deye akka hin te'in beeke» jette.
1KI 3:22 Dubartittiin tuun ammoo, «Lakkii! Annuun jiru kiyya; ka du'e keeti» jette. Dubartittiin qaraa, «Waawwo'o! Annuun du'e keeti; ka jiru kiyya» jette. Maarre isaan mooticha duratti wol moromane.
1KI 3:23 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Dubartiin tun, ‹Annuun jiru kiyya; ka du'e keeti› jetti; tuunille, ‹Lakkii! Annuun du'e keeti; ka jiru kiyya› waan jettuuf,
1KI 3:24 shallaagaa natti fida'a!» jedhe; isaan shallaagaa isatti fidane.
1KI 3:25 Achiin duuba inni isaaniin, «Annuu jiru addee lamatti gargar baqassa'aatii, gama tokko dubartii takka'aaf, gama kaan dubartii taaniif kenna'a» jedhee ajaje.
1KI 3:26 Dubartittiin annuu isi'ii lubbu'uun jiru ammoo annuu ifiitiif naatee, «Maganne'e mooticha kiyya, annuu jiru isi'iif kenni malee, hin ijjeesin» jette. Dubartittiin tuun ammoo, «Anaa fi isiille'eef hin kennin; addee lamatti gargar baqaffamuu ti» jette.
1KI 3:27 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Annuu jiru hin ijjeesina'a; dubartittii qaraatiif kenna'a; isiin haadha isaa ti» jedhe.
1KI 3:28 Kolbaan Israa'elii marti muraa Solomoon kenne yennaa dhageette, akka inni muraa haqaa muriisaaf Waaqa biraa qarummaa dhaggate beettee, ulfinna guddaa isaaf kennite.
1KI 4:1 Solomoon Israa'el mara irratti mootii te'ee,
1KI 4:2 bulchitooti gugurdoon inni file: Ilma Zaadoqii Azaariyaa hayyicha,
1KI 4:3 Ilmaan Shiisha'aa Eliihoreefii fi Ahiiyaan barreessitoota mana mootumma'aa, ilma Ahiiludii Yoshaafaax barreessaa dabarsi'ii,
1KI 4:4 Ilma Yehoyaada'aa Benaayaan ajajaa loltootaa, Hayyoota keessaa Zaadoqii fi Abiyaataar,
1KI 4:5 Ilma Naataanii Azaariyaa itti gaafatamaa bulchitoota lafaa, Ilma Naataanii Zaabudii hayyicha gorsaa mootichaa,
1KI 4:6 Ahiishaar itti gaafatamaa mana mootumma'aa, ilma Abda'aa Adoniiraam itti gaafatamaa worra hunnaan hujii hunnaa hujanuu ti.
1KI 4:7 Akkasuma Solomoon Israa'el mara irratti bulchitoota kutaa biyyaa kudhanii lama, ta mooticha fi worra mana mootichaa keessa jiru maraaf soorata dhikeessitu qabaayyu; tokko tokkoon isaaniituu woggaa keessatti ji'a tokko soorata dhikeessuu qabaniiyyu.
1KI 4:8 Maqaan isaanille ka asii gad jiru: Ben-Huur ka kutaa biyyaa lafa koobittii Efreemii bulchu,
1KI 4:9 Ben-Deqer ka qachoota Maaqaaz, Sha'aalbiim, Bet-Shemeshii fi Eloonii-Bet-Banaan bulchu,
1KI 4:10 Ben-Hesed ka qachoota Aruboot, Sokoo fi lafa Heferii mara bulchu,
1KI 4:11 Ben-Abinaadaab ka qachoota Nafat-Doorii mara bulchu, intala Solomoonii Xaafeti ka fuudhe,
1KI 4:12 Ilma Ahiiludii Ba'anaa ka qachoota Ta'ana'aatii fi Megidoo, Bet-Shaanii cinaa Zaaretaana'aa ta Yizre'eliin jalaa, akkasuma lafa Bet-Shaanii irraa kaasee, Yaaqne'aam qaxxaamuree haga Abeel Meholaatii ka bulchu,
1KI 4:13 Ben-Geber qachoota Raamoot-Giili'aad keessaa, olloota fira ilma Minaase'ee ka Yaa'iirii ka Giil'aad keessaa, lafa Argoobii ka Baashaan keessaa, wolumatti qachoota gugurdaa jaatama ka dalleya dhaka'aatii fi karra danqaraa sibiila sageettu'uu qabu ka bulchu,
1KI 4:14 Ilma Iddoo Ahiinaadaab ka lafa Mahanaayimii bulchu,
1KI 4:15 Ahimaaz ka kutaa biyya Niftaalemii bulchu, intala Solomoonii Baasemati ka fuudhe,
1KI 4:16 Ilma Hushaayii Ba'anaa ka kutaa biyya Asheeriitii fi qachaa Aalotii bulchu,
1KI 4:17 Ilma Phaaruu Yoshaafaax ka kutaa biyya Yisaakorii bulchu,
1KI 4:18 Ilma Elaa Shime'i ka kutaa biyya Beniyaaminii bulchu,
1KI 4:19 Ilma Urii Geber ka kutaa biyya Giil'aadii lafa duri Sihooniin mootii Amoorotaatii fi mootiin Baashaanii Oog bulchaa turane bulche. Lafa duudii ka bulche bulchaan dhibiin tokko jiraayyu.
1KI 4:20 Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii akka maansa qarqara abbaaya'aa baca'a; isaan nyaataa, unaa gammadaniiyyu.
1KI 4:21 Solomoon biyya mootummoota laga Efraaxiisiitiin jalqabee, haga lafa Filisxeemotaatii fi haga meessaa biyya Gibxi'ii duudii bulche; kolbaan biyya sanii duudiin isa gabbaraa, bara jiruu isaa duudii isa tajaajilte.
1KI 4:22 Sagaleen guyyaa guyya'aan mana mootummaa Solomooniitiif barbaachitu bullaa dansaa kuntaala soddoma, bullaa sharoo kuntaala jaatama,
1KI 4:23 sangoolee manatti gabbisane kudhan, sangoolee diida dheeddu diddama, hoolee dhibba tokko, kana biratti gadansa, buddannee, qorkee, lukkuu gagabboo.
1KI 4:24 Solomoon lafa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu, qachaa Tiifsaahii irraa haga Gaaza'aatitti jirtuu fi mootota achi keessa jirtu mara bulche; inni biyyoota ollaa ifii wolille'een nageya qabaayyu.
1KI 4:25 Bara jiruu Solomoonii kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii marti, Daan irraa haga Bersheeba'aatitti ta jirtu, muka woyni'iitii fi harru'uu ifii jalatti nageyaan leete.
1KI 4:26 Solomoon gola fardoo garreettaa harkittuu kuma afurtamaa fi abbootii fardo'oo kuma kudhanii lama qabaayyu.
1KI 4:27 Bulchitooti kudhanii lama tokko tokkoon isaaniituu woggaa keessatti ji'a isaaniif qabametti, soorata mootichaa fi worra qorii mootichaa keessaa sooratanuuf barbaachisu, womaa adoo irraa hin dhidhisin dhikeessaniiyyu.
1KI 4:28 Akkasuma isaan fardoo garreettaa fardaan harkifamuutii fi fardoo dhibi'iifille garbu'uu fi hicaacee, gara addee barbaachittee dhikeessaniiyyu.
1KI 4:29 Waaqi qarumma'aa fi hubantii guddoo, yaada badhaa ka akka maansa qarqara abbaaya'aa ka laakkowanee hin dandeennee Solomooniif kenne.
1KI 4:30 Qarummaan Solomoonii qarummaa namoota gara aduun baatuutii fi qarummaa worra Gibxi'ii mara caalti.
1KI 4:31 Inni namoota qaroolee akka Etaanii Ezraahicha, ilmaan Maaholii Hemaan, Kalkoolii fi Dardaa caalaa qaro'o; gurri isaalle biyya gosa adda addaa ta adaala isaa jirtu mara keessatti beekkame.
1KI 4:32 Solomoon mammaassa kuma sad mammaake; faaruun isaalle kuma tokkoo fi shan.
1KI 4:33 Inni marroo mukaa, muka hindheensa Libaanoniitiin jalqabee haga biqiltuu baaldo'oo ta dalleya irratti lattuu dubbateera; akkasuma marroo bineensotaa, marroo sinbirrootaa, marroo bineensota gadha'aan lafa irra lowanuutii fi marroo qurxummi'ii dubbateera.
1KI 4:34 Gosa biyya adda addaa keessaa, mootota biyya lafaa ta qarummaa Solomoonii dhage'aneeranu mara biraa, namooti qarummaa Solomoonii caqasiisaaf ergamanee dhufane.
1KI 5:1 Hiiraam mootiin Xiiroosii Daawiti woliin yennaa mara jaala waan te'eef, akka Solomoon addee abbaa ifiititti mootii te'e yennaa dhage'e, ergantoota ifii gara isaa erge.
1KI 5:2 Solomoonille ergaa asii gad jirtu tana Hiiraamitti ergee,
1KI 5:3 «Abbaan kiyya Daawiti sababa diinota karaa maraan isatti ka'aneef, haga Mootiin Waan Maraa injifachaa isaaf kennutti, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif Galma Waaqaa ijaaruu akka hin dande'in ati hin beetta.
1KI 5:4 Amma ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa maraan nageya naaf kenneera; diinni yookiin wonni hantuun hin jirtu.
1KI 5:5 Waaqi abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ilmi keeti ka ani addee teetitti mootii godhee, barcumaa mootumma'aa irra teessisu, Galma naaf hin ijaara› jedhee dubbateera; tanaaf ani amma Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf Galma Waaqaa ijaariisaaf hedeera.
1KI 5:6 Maarre nama akka worra Sidoonii muka muruu beeku, akka nuuti hin qanne hin beetta; namoota keetiif mindaa ati jette ani hin kaffala, tajaajiltoota tiyya woliin dhaqanee, Libaanon keessaa hindheensa akka naaf muranu, namoota keeti naaf ergi» jedhe.
1KI 5:7 Hiiraam ergaa Solomoonii yennaa dhage'e, guddoo gammadee, «Gosa guddoo tana akka bulchu, Mootiin Waan Maraa ilma qaroo Daawitiif kenne, adha leellifamuu ti!» jedhe.
1KI 5:8 Achiin duuba Hiiraam Solomoonitti ergee, «Ergaan teeti na dhaqqaddeerti; muka hindheensaatii fi birbirsaa dhikeessiisaan waan ati barbaadde mara si'iif hin godha.
1KI 5:9 Namooti kiyya jigeessota Libaanonii gara abbaaya'aatitti harkisaa gad hin fidan; addee ati barbaadde akka si'iif gewu, wolitti hiisisee abbaayaa irra deensisee si'iif hin erga; achitti ani gargar hiikisiisee, atille hin fudhatta; atille worra mana kiyya keessa jiruuf sagalee dhikeessiisaan fedha kiyya hin guutta» jedhe.
1KI 5:10 Maarre Hiiraam akka kanaan muka hindheensaatii fi birbirsaa ka Solomoon barbaade mara dhikeesseef.
1KI 5:11 Solomoonille worra mana Hiiraamii keessa jiranuuf qamadii kuntaala kuma diddamaa akkasuma zayitii ejersaa qulqulluu litirii kuma dhibba afurii woggaa wogga'aan kenneef.
1KI 5:12 Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa galetti Solomooniif qarummaa kenne; Hiiraamii fi Solomoon wodhakkaa nageenni waan jiruuf, isaan lamaanuu wolii galane.
1KI 5:13 Mootichi Solomoon lafa Israa'elii mara keessaa, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu kuma soddoma file.
1KI 5:14 Adoniiraam itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu godhe; inni kuma kudhan kudhaniin addee saditti isaan qoodee, badoo bado'oon, ji'a tokko Libaanon keessa, ji'a lama mana ifii akka turanu godhe.
1KI 5:15 Solomoon ammalle biyya koobittii keessatti worra ba'aa ba'atu kuma torbaatamaa fi worra dhakaa bocu kuma saddeettama qabaayyu.
1KI 5:16 Akkasuma toowattoota hujii tanaa namoota kuma sadii fi dhibba sad qabaayyu.
1KI 5:17 Isaan ajaja mooticha Solomooniitiin, dhakaa gugurdaa gatii guddo'oo ka hundee Galma Waaqaatiif te'u, qotanee baasanee bocanee fidane.
1KI 5:18 Namooti hujii harkaa hujanu ka Solomooniitii fi Hiiraamii, namooti biyya Gebaaliille Galma Waaqaa ijaariisaaf, muka muranee, dhakaa bocanee qopheessane.
1KI 6:1 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baateen duuba, woggaa dhibba afurii fi saddeettamatti, Solomoon biyya Israa'elii irratti mootii te'ee, woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo, ka «Ziif» jedhamu keessa, Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe.
1KI 6:2 Galmi Waaqaa ka mootichi Solomoon ijaare sun, dalla dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama, hojjaan isaa ciqilee soddoma.
1KI 6:3 Dheerinni soroo kutaa guddittii Galma Waaqaatiin duraa, akkuma badhinna Galma Waaqaa ciqilee diddama teetee, karaa Galma Waaqaatiin duraan ciqilee kudhan dheeratti.
1KI 6:4 Galmi Waaqaa sun foddaa gara keessaatiin badhattee, gara alaatiin dhiphattu qabaayyu.
1KI 6:5 Solomoon kutaa guddittii Galma Waaqaatitti maxxansee, adaala addee woyyitti'ii fi addee irra caalaa woyyitti'iititti, mana dhibii ka kolloo adda addaa qabu itti marsee ijaare.
1KI 6:6 Badhinni mana jalaa ciqilee shan, ka mana mana irratti ijaaramee ka wodhakka'aa ciqilee jaa, ka mana mana irratti ijaarame ka sadeesso'oo ciqilee torba. Muki tokkolle ijaarsa Galma Waaqaa uree akka hin seenneef, gara duubaatiin itti marsee, kaabii ijaare.
1KI 6:7 Dhakaan Galmi Waaqaa sun ittiin ijaarame, adduma dhakaan jirutti bocamee waan qophoweef, Galmi Waaqaa yennaa ijaaramu, qoonqoon burrisaa, ta ura'aa yookiin ta sibiila dhibi'ii hin dhage'ane.
1KI 6:8 Balbalti seensuma mana jalaa, Galma Waaqaa irraa gara kibbaatitti dhagganti; yaabbannoo gara mana mana irraa ka wodhakka'aatii fi ka sadeesso'ootitti ol bayanulle qaba.
1KI 6:9 Maarre mootichi Solomoon, Galma Waaqaa ijaaree fixe; heellichoo Galma sanii buusaa muka hindheensaa dalla buusee, falaxaa birbirsaatiin cufe.
1KI 6:10 Inni karaa maraan Galma Waaqaatitti marsee kolloota ijaare; hojjaan kolloota sanii ciqilee shan; kolloon sunille buusaa muka hindheensaatiin, Galma Waaqaatiin wolitti qassiifanteerti.
1KI 6:11 Jechi Mootii Waan Maraa gara Solomoonii dhufee,
1KI 6:12 «Akka seerata kiyyaatitti yoo deddeebite, seeraa fi ajaja kiyya yoo eegatte, Galma Waaqaa ka ati ijaariisatti jirtu kanaaf, waan abbaa keeti Daawitiif waadaa gale, ani karaa keetiin hin muummessa.
1KI 6:13 Ani Israa'eloota odduu hin le'a; ani kolbaa tiyya Israa'el hin gatu» jedhe.
1KI 6:14 Maarre Solomoon Galma Waaqaa ijaaree fixe.
1KI 6:15 Inni keessa Galma Waaqaa hundee isaatiin jalqabee, haga heellicho'ootitti falaxaa muka hindheensaa itti siree, lafa keessa Galma Waaqaa falaxaa birbirsaatiin huje.
1KI 6:16 Galma Waaqaa keessatti, gara duubaatiin, Addee Irra Caalaa Woyyittii addaan baasiisaaf, kolloo ciqilee diddamaa, lafa irraa kaasee haga heellicho'oo falaxaa muka hindheensaa itti sire.
1KI 6:17 Kutaan guddittiin Addee Irra Caalaa Woyyittii duratti dhaggantu ciqilee afurtama dheeratti.
1KI 6:18 Keessi Galma Waaqaa falaxaan muka hindheensaa itti gonfamee, fakkeenna buqqi'iitii fi daraaraa baqeetiin seefameera; falaxaa muka hindheensaa malee, dhakaan tokkoolle hin mudhatuuyyu.
1KI 6:19 Inni Galma Waaqaa keessatti, gara duubaatitti, saanduqa gondooroo Mootii Waan Maraa keessa keyiisaaf, Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa ijaare.
1KI 6:20 Addeen Irra Caalaa woyyitti'ii tun dheerinni isi'ii ciqilee diddama, badhinni isi'ii ciqilee diddama, hojjaan isi'iille ciqilee diddama; inni keessa isi'ii worqii qulluu itti gonfe. Addee ciinca'aalle falaxaa muka hindheensaa itti uffise.
1KI 6:21 Solomoon keessa Galma Waaqaa worqii qulluu itti gonfee, Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta worqi'iin gonfante san dura, haachaba worqi'ii diriirse.
1KI 6:22 Maarre inni keessa Galma Waaqaa duudii worqii itti gonfe; addee ciinca'aa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa keessaalle worqii itti gonfe.
1KI 6:23 Solomoon fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama ta dheerinni tokko tokkoo isaanii ciqilee kudhanii, muka ejersaa irraa hujee, Addee Irra Caalaa woyyitti'ii ta gara keessaa keessa keye.
1KI 6:24 Koolli dada ol-gubba'aa ta qaraa ka gama tokkoo ciqilee shan; ka gama kaanille ciqilee shan dheerata; qaccee koola gama tokkoo irraa haga qaccee koola gama kaanii ciqilee kudhan dheerata.
1KI 6:25 Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta lammeesso'oolle ciqilee kudhan dheerata; dadi ol-gubba'aa sun lamaanuu hagi isaaniitii fi akki isaanii wol fakkaatan.
1KI 6:26 Hojjaan dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokko tokkootuu ciqilee kudhan.
1KI 6:27 Solomoon koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta lamaaniituu akkuma diddiriireeruun, dada ol-gubba'aa san Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa san keessa keye; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka tokkochaa dhaaba manaa ka gama tokkoo tuqa; koolli dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo dhaaba manaa ka gama kaanii tuqa; koolli isaanii dhibiin wodhakkaa Addee Irra Caalaa Woyyittii sanitti wol tuqaayyu.
1KI 6:28 Inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaanuu worqii itti gonfe.
1KI 6:29 Dhaaba Galma Waaqaa mara irratti, kolloo gara keessaatii fi gara alaa irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee boce.
1KI 6:30 Inni lafa addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi lafa Galma Waaqaa keessaalle worqii itti gonfe.
1KI 6:31 Balbala gara Addee Irra Caalaa woyyittii seenanu ta gara lamatti banantu, ta mikikkilaa fi gulantaa roga shanii qaddu, muka ejersaa irraa huje.
1KI 6:32 Inni balbala muka ejersaa irraa hujante lamaanuu irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee tolchisiisee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi fakkii muka meexxi'ii kana irratti worqii itti gonfe.
1KI 6:33 Akkasuma inni balbala gara kutaa gudditti'ii seenanutti mikikkila roga afurii muka ejersaa irraa huje.
1KI 6:34 Inni balbala lama ta wolitti dachaafantee banantu, ta tokko tokkoon isi'iituu, saanqaa lama lama qaddu, muka hindheensaa irraa huje.
1KI 6:35 Inni balbala san irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee tolchisiisee, fakkii san irratti worqii gonfe.
1KI 6:36 Inni Galma Waaqaatiin duratti badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa, dhakaa bocame tarree sadiin, saanqaa muka hindheensaa tarree tokkoon ijaare.
1KI 6:37 Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ji'a lammeesso'oo, ka «Ziif» jedhamu keessa, hundeen Galma Waaqaa keyante.
1KI 6:38 Inni mootii te'ee woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, ji'a saddeetesso'oo, ka «Bul» jedhamu keessa, akkuma dur karoorri bayetti, ijaarsi Galma Waaqaa muummowe. Solomoon Galma Waaqaa woggaa torbatti ijaaree fixe.
1KI 7:1 Solomoon mana mootummaa ifii ijaaree woggaa kudhanii saditti fixe.
1KI 7:2 Inni mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu, ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa, badhinni isaa ciqilee shantamaatii fi hojjaan isaa ciqilee soddomaa ijaare; manni mootumma'aa kun utuboota hindheensaa ka tarree afuritti dhaabbatee, buusaa hindheensaa utubeeru qabaayyu.
1KI 7:3 Tarree tokko tokkoo irra utuboota kudhanii shan, wolumatti utuboota afurtamii shan qaba; utuboota kana gubba'atti heellichoo muka hindheensaa irraa hujantetti jira.
1KI 7:4 Manni kun foddaa tarree sad sadii ka fuullee wolii jiranu qaba.
1KI 7:5 Balbaltii fi foddaan martinuu mikikkiloota roga afurii qaban; foddaan tarree sad sadiin fuullee wolitti galteerti.
1KI 7:6 Solomoon galma utuboota heddu'uu, ta dheerinni isi'ii ciqilee shantamaa, badhinni isi'ii ciqilee soddomaa ijaare; kutaa guddittii san dura soroo utuba'aan utubanteertutti jiraayyu.
1KI 7:7 Solomoon galma barcumaa mootumma'aa, galma haqaa, addee tee'ee muraa kennu ijaaree, lafaa kaasee, haga heellicho'ootitti muka hindheensaatiin golle.
1KI 7:8 Manni isaa ka inni keessa le'u, galma haqaatiin wol fakkaata; manni kunille galma haqaa irraa gara duubaatiin jira; Solomoon haadha manaa ifii, intala mooticha Gibxi'iitiifille mana galma haqaatiin wol fakkaatu ijaare.
1KI 7:9 Ijaarsi kun duudiin alaa haga badhinna guddicha dalleya keessaatitti, hundee ijaarsaatiin jalqabee, haga jinjimaatii isaatitti, dhakoota gatii guddo'oo ka wol qixxee te'ee, duraa fi duubaan bocameen ijaarame.
1KI 7:10 Hundee ijaarsa kanaa, dhakoota gugurdaa gatii guddo'oo, ka dheerinni isaanii ciqilee saddeetiitii fi ka ciqilee kudhaniititti keyame.
1KI 7:11 Dhakoota gugurdaa kana irra, dhakoota wol qixxee te'ee bocamee fi buusaa hindheensaa hedduun jiran.
1KI 7:12 Badhinni guddichi dalleya keessaa, akkuma badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka gara keessaatii fi soroo isaa, dalleya dhaka'aa, dhakaa bocame tarree sadii fi buusaa hindheensaa tarree tokkoon marfamee ijaarameera.
1KI 7:13 Mootichi Solomoon gara biyya Xiiroosii nama ergee, Hiiraam waansise.
1KI 7:14 Haati Hiiraamii haadha hiyyeessaa ti; isiin gosa Niftaalemii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii, ogeessa sageettu'uu ti. Hiiraam hujii sageettu'uu mara hujiisaan qarumma'aan, hubanti'ii fi beekkumsa gudda'aan nama guutameeru; inni gara Solomoonii mootichaa dhufee, hujii isaaf kennante mara huje.
1KI 7:15 Hiiraam utuboota sageettu'uu lama, ka tokko tokkoon isaatuu, hojjaan isaa ciqilee kudhanii saddeetii, furdinni isaalle ciqilee kudhanii lamaa huje.
1KI 7:16 Inni ammalle mataa utuboota lamaanii irra keyiisaaf, sageettuu baqisiisee guutuu lama ta tokko tokkoon isi'ii ciqilee shan dheerattu huje.
1KI 7:17 Guutuu mataa utubootaa irra jirtu san seesiisaaf, tokko tokkoo isi'iitiif, sageettuu irraa caccoo haachabaa torba torba huje.
1KI 7:18 Inni guutuu utubootaa seesiisaaf, sageettuu akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, haachaba sanitti naannessee tarree lamatti huje; guutuu lamaaniifuu ta wol fakkaatu huje.
1KI 7:19 Guutuun mataa utuboota soro'oo irra jiranu, ciqilee afur dhedheeratanee, fakkii daraara'aa qaban.
1KI 7:20 Guutuu utuboota lamaaniituu irratti, haachabatti aanee, fakkii akka qori'ii jirtu gubbaa, wonni akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, dhibbi lama tarree lamatti dirameera.
1KI 7:21 Hiiraam utuboota lamaan san, soroo Galma Waaqaa duratti dhaabe; utubaa gara kibbaa «Yaakiin» jedhee moggaase; utubaa gara kaabaa «Bo'az» jedhee moggaase.
1KI 7:22 Guutuun utuboota san irra jirtu fakkii daraara'aatiin hujanteerti. Maarre hujiin utubootaa akka kanaan muummotte.
1KI 7:23 Hiiraam sageettuu baqisiisee, waabaa bisaanii ka badhinni keessa isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, marsi bukkee isaa ciqilee soddomaa huje.
1KI 7:24 Irga afaan waaba'aatiin jala gara duubaatiin, fakkiin buqqi'ii kudhan ta sageettuu irraa hujante, ciqilee tokko tokkotti kudhan kudhaniin, tarree lama lamaan marfanteerti.
1KI 7:25 Waabaan bisaanii sun, dudda fakkii korommii kudhanii lamaa, ta sageettuu irraa hujantee, sad gara kaabaa, sad gara kibbaa, sad gara aduun baatu, sad gara aduun seentutti fuula galanee hudduu wolitti galaneeranu irra dhaabbateeraayyu.
1KI 7:26 Furdinni waabaa sanii haga ganaa harkaa ti; irgi afaan isaalle akka irga afaan muduunu'uu hujamee, fakkii daraara'aa fakkaata; waabaan kun bisaan gara litirii kuma afurtamaa qabata.
1KI 7:27 Hiiraam sageettuu irraa waan meya irra keyatanu, ka korboo qabu kudhan huje; tokko tokkoon isaanii dheerinni ciqilee afur, badhinni ciqilee afur, hojjaan ciqilee sad.
1KI 7:28 Akki wonni meya irra keyanu kun hujamane asii gad jira: isaan sageettuu baxxittii roga afurii ta kiphaa qajeelee dhaabbattetti qassiifante qabaniiyyu.
1KI 7:29 Sageettuu baxxittii wodhakkaa kiphaa qajeelee dhaabbate san jirtu irratti fakkiin neenqotaa, korommi'iitii fi dada ol-gubba'aa ta koola qaddutti kaafameera; kiphaa qajeelee dhaabbate san irralle'etti akkasuma godhe; fakkii neenqotaatii fi korommi'ii san gubba'aa fi jalatti fakkii daraaraa marameetitti irratti qiriixameera.
1KI 7:30 Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaaniituu korboo sageettuu irraa hujante afurii fi ulee sibiila sageettu'uu ta korboon irra garagaggaltu wolitti qassiittu lama qaban; gama arfanuu irra utuboota qorii itti dhiqatanu kiphu afuritti jiraayyu; utubooti sun fakkii daraaraa maramee ka sageettuu irraa baqisiifamee hujamee qabaniiyyu.
1KI 7:31 Waan meya irra keyanu san gara keessaatiin, qoriin itti dhiqatanu sun xiyyoo ciqilee tokko dheerattu qaddi; afaan qorii itti dhiqatanu sanii koobbicha; ciqilee tokko dheerata; morma irralle'etti seesa qaba; wonni meya irra keyanu sun koobbicha adoo hin te'in, roga afur qaba.
1KI 7:32 Korboon arfanuu, sageettuu baxxittii waan meya irra keyanu san jala jirti; uleen sibiila sageettu'uu, ta korboon irra garagaggaltu, waan meya irra keyanu saniin wolitti qassiifanteerti; badhinni korboo tokko tokkootuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.
1KI 7:33 Korboon tun korboo garreettaa fardaan harkifamuu fakkaatti; uleen isi'ii, rogi afaan isi'ii, dagaleen isi'iitii fi urati uleen isi'ii keessa seenu, sageettuu irraa hujame.
1KI 7:34 Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaatuu, roga arfanuu irratti waan qabatanu qaban.
1KI 7:35 Qaccee waan meya irra keyanuu irra, wonni akka qube'ee naanneffamee, taakkuu tokko ol dheeratu jira; utubootaa fi sageettuun baxxittiin isaa, mataa waan meya irra keyanuu woliin, wolitti qassiifamaneeran.
1KI 7:36 Inni utubootaa fi sageettuu baxxittii irratti, addee duwwaa jirtu mara irratti, fakkii Dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii neenqotaatii fi fakkii muka meexxi'ii, daraaraa marame woliin cinaa isaanii mara irratti qiriixee huje.
1KI 7:37 Hiiraam akka kanaan waan meya irra keyanu kudhan huje; wonni meya irra keyanu kun martinuu, addee takka'atti waan baqisiifamaneef, hagii fi akki isaanii martinuu tokkochuma.
1KI 7:38 Hiiraam sageettuu irraa, waan meya irra keyanu tokko tokkoofuu, qorii itti dhiqatanu kudhan, ta bisaan gara litirii dhibba saddeeti qabattu huje; badhinni qorii tokko tokkootuu ciqilee afur.
1KI 7:39 Inni waan meya irra keyanu san keessaa shan, Galma Waaqaa irraa gara kibbaa, shan gara kaabaa keye; qorii itti dhiqatanu ammoo, roga Galma Waaqaa irra kibba irraa gara baya adu'uutitti keye.
1KI 7:40 Hiiraam ammalle okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje; inni akka kanaan hujii Galma Waaqaa ta mooticha Solomooniif hujiisa jalqabe muummesse; meyi inni huje ka asii gad jiru:
1KI 7:41 Utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, waan akka haachabaa lama, ta guutuu utuboota irraa lama ittiin seesanu,
1KI 7:42 haachaba lama, guutuu akka qori'ii jirtu lama ta qaccee utuboota irraa seesiisaaf, tarree lamaan ka hujame waan akka midhaan «Rumaan» jedhamuu dhibba afur,
1KI 7:43 waan meya irra keyanu kudhan, qorii itti dhiqatanu kudhan woliin,
1KI 7:44 waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta isa jala jirtu.
1KI 7:45 Okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu, Hiiraam tajaajila Galma Waaqaatiif meya kana mara mooticha solomooniif, sageettuu morodante irraa huje.
1KI 7:46 Mootichi Solomoon waan kana mara dhooqa Yordaanosii keessatti, addee sibiila itti baqisiisanu ta faara irraa hujante ta Suukootii fi Zaaretaan wodhakkaa jirtu keessatti hujisiise.
1KI 7:47 Mey kun bacaa waan te'eef, mootichi Solomoon hin madaalchinne; tanaaf madaalliin sageettu'uu hagam akka te'e hin beekkanne.
1KI 7:48 Solomoon ammalle tajaajila Galma Waaqaatiif, meya asii gad jiru hujisiise; mey kunille addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante, xarapheessaa worqii irraa hujame ka daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu,
1KI 7:49 meya worqii qulluu irraa hujame waan issaan irra keyamu, ka addee irra caala woyyittii ta gara keessaa dura, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin keyanu, daraaraa, issa'aa fi qaraphaa ibiddaan tuqanu,
1KI 7:50 muduunuu, qaraphaa issa'aan dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa, waan ibidda irratti bobeessanu, maaxafaa balbala kolloo Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaatii fi ka kutaa guddittii Galma Waaqaa ka worqii qulluu irraa hujame huje.
1KI 7:51 Mootichi Solomoon hujii Galma Waaqaa mara fixeen duuba, abbaan isaa Daawiti tajaajila Galma Waaqaatiif waan addaan baase mara meetii, worqi'ii fi meya dhibii addee meya Galma Mootii Waan Maraa massanutti masse.
1KI 8:1 Achiin duuba mootichi Solomoon Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii Xiyoon keessaa akka fidanuuf, jaarsolee Israa'elii, sooressitoota gosa Israa'elii maraa fi qondaaltota fira Israa'elii Yerusaalemitti gara ifii waansise.
1KI 8:2 Namooti Israa'elii marti, yennaa jilti gose'ee jilifantu, ji'a torbeesso'oo, ka «Etaaniim» jedhamutti, mooticha Solomoon duratti wolitti qabamane.
1KI 8:3 Yennaa jaarsoleen Israa'elii duudiin wolitti qabamane, hayyooti Saanduqa Gondooro'oo san ba'atanee,
1KI 8:4 Galma Mootii Waan Maraatitti galchite; akkasuma Lewwootii fi hayyooti Dunkaanii Woldeenna'aatii fi meya dunkaanii keessa jiru mara fidanee, Galma Waaqaa keessa galchane.
1KI 8:5 Mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa'elii duudiin, Saanduqa Gondooro'oo duratti wolitti qabamanee, hoole'ee fi loon bacaa barreeffamiisa yookiin laakkowamiisa hin dandeenne, ciincaa dhikeessane.
1KI 8:6 Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro'oo san Galma Waaqaa keessa galchitee, addee isi'iif qophoottetti, Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaa, koola dada ol-gubba'aa ta koola qaddu jala keyane.
1KI 8:7 Dadi ol-gubba'aa sun addee Saanduqa Gondooro'oo san gubba'atti koola ifii badhifatanee, Saanduqa Gondooro'ootii fi danqaraa Saanduqa Gondooro'oo san ittiin ba'atanu gollaneeran.
1KI 8:8 Danqaraan sun dhedheeraa waan te'eef, qacceen isaa nama Galma Mootii Waan Maraa keessa addee woyyittii jiru maratti hin mudhata; nama addee woyyitti'iin ala jirutti ammoo hin mudhatu; danqaraan sun haga adhaa achuma jira.
1KI 8:9 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baateen duuba, yennaa Mootiin Waan Maraa isaan woliin gondooroo gondoore, dhakaa baxxicha lama ka ajaji kudhan irratti barreeffame, ka Muuseen gaara Siina'aa gubba'atti saanduqa keessa keye malee, wonni dhibiin saanduqa san keessa hin jirtu.
1KI 8:10 Yennaa hayyooti addee woyyittii san keessaa gad baate, duumensi Galma Mootii Waan Maraa keessa guute.
1KI 8:11 Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Mootii Waan Maraa keessa waan guuteef, hayyooti sababa duumensaatiif tajaajiliisa hin dandeenne.
1KI 8:12 Achiin duuba Solomoon, «Ee, Mootii Waan Maraa, ati, ‹Duumensa ciggaa dukkanowaa keessa le'a› jetteerta.
1KI 8:13 Amma ani Galma guddaa miidhagaa ka ati haga bara baraa keessa leetu, si'iif ijaareera» jedhe.
1KI 8:14 Wolde'i kolbaa Israa'elii marti adoo achi dhaabbattee jirtuu, mootichi Solomoon gara isaanii garagalee isaan eebbise.
1KI 8:15 Inni, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ka abbaa kiyya Daawitiif, waan afaan ifiitiin waadaa gale harka ifiitiin muummesse, leellifamuu ti!
1KI 8:16 Waaqi, ‹Kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa haga baaseen jalqabee, maqaan kiyya akka achitti waamamu Galmi akka itti ijaaramuuf, qachoota gosa Israa'elii keessaa tokkolle hin filanne; Daawiti ammoo kolbaa tiyya Israa'el akka bulchuuf filadheera› jedheeraayyu» jedhe.
1KI 8:17 Solomoon itti dabalee, «Abbaan kiyya Daawiti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma ijaariisaaf, gadhaa ifii keessatti yaadateeraayyu.
1KI 8:18 Mootiin Waan Maraa ammoo abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ati maqaa kiyyaaf Galma ijaariisaaf, gadhaa keeti keessatti yaadatiis keeti dansa'a;
1KI 8:19 te'uu malee, ilma ati uumattutti maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaara malee, ati naaf hin ijaartu› jedhe.
1KI 8:20 «Kunoo Mootiin Waan Maraa waadaa ifii muummesseera; akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa galetti, ani addee abbaa kiyya Daawitii mootii te'ee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra te'eera; maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiifille, Galma ijaareera.
1KI 8:21 Saanduqa Gondooro'oo ta ajaji kudhan keessa jiru, ta Mootiin Waan Maraa yennaa abbootii teenna biyya Gibxi'ii keessaa baase isaan woliin gondoore saniif, Galma Waaqaa keessatti ani addee qopheesseera» jedhe.
1KI 8:22 Achiin duuba Solomoon wolde'a kolbaa Israa'elii duudii duratti, addee ciinca'aa dura dhaabbatee, harka ifii gara ol-gubba'aa diriirsee,
1KI 8:23 «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii! Ol-gubba'atti yookiin lafa irratti Waaqi akka keetii hin jiru; ati tajaajiltoota teeti worra gadhaa tokkochaan fuula keeti dura deddeebi'anuuf gondooroo teeti hin eedda; jaalala keeti ka bara baraa isaaniif hin mudhitta.
1KI 8:24 Ati tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte eeddeerta; waan dur afaan keetiin waadaa galte san, adha kunoo harka keetiin muummessiteerta.
1KI 8:25 Ammalle ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii! Tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif, ‹Akkuma ati fuula kiyya duratti deddeebite, ilmaan teetille waan gootu maraan fuula kiyya dura yoo deddeebite, sanyii teeti keessaa nami barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u fuula kiyya duraa hin dhabamu› jettee waadaa galte san muummessiif.
1KI 8:26 Ammalle ee Waaqa Israa'elii, tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte san muummessi.
1KI 8:27 «Ee Waaqa, ati dhugumaan lafa irra leetaa ree? Ol-gubbaan, ol-gubbaan ol-gubbootaalle si ba'atuu hin dandeettu. Galmi ani ijaare kun fa'a, dhugumaan si ba'atuu hin dande'u.
1KI 8:28 Te'uu malee, Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, daadimataa fi gaaffii ana tajaajilaa keetii dhage'i; iyyaa fi daadimata ani tajaajilaan keeti, adha si duratti daadimadhu naaf caqasi.
1KI 8:29 Daadimata ani tajaajilaan keeti addee tanatti si daadimadhu akka dhageettu, ilti teeti halkanii fi guyyaa gara Galma ati, ‹Maqaan kiyya keessatti hin waamama› jettee ilaaltuu ti.
1KI 8:30 Daadimata anii fi kolbaan teeti Israa'el, gara addee tanaa garagallee daadimannu nuu dhage'i; ol-gubbaa irraa nuu dhage'iitii, nuu araarami.
1KI 8:31 «Nami tokko nama irratti yakkaa hujee, akka yakkaamessa hin te'in gara addee ciinca'aa ta Galma kana keessaa dhufee, yoo kakate,
1KI 8:32 ati ol-gubbaa irraa dhage'iitii tajaajiltoota teetiif muraa kenni. Yakkaamessa akka yakkaa isaatitti adabi; ka yakkaa hin qanne bilisa baasi.
1KI 8:33 «Kolbaan teeti Israa'el waan cubbuu hujjeef, diinaan yennaa injifatante, gara keeti deebitee, maqaa keeti yoo waammatte, Galma Waaqaa kana keessatti fuula keeti duratti yoo si daadimatte,
1KI 8:34 ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'i; cubbuu kolbaa teeti Israa'elii araaramiitii, gara lafa abbootii isaanii ta duriitiif kennitetti, isaan deebisi.
1KI 8:35 «Kolbaan teeti waan si yakkiteef, yennaa ol-gubbaan cufantee, bokkeenni roobiisa dhabu, ati waan isaan rakkitteef yakkaa ifii irraa yoo deebi'ane, gara Galma kanaa garagalanee maqaa keeti yoo waammatane,
1KI 8:36 ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'i; cubbuu tajaajiltoota teeti kolbaa Israa'elii araarami. Karaa qajeelaa irra akka deemanu isaan barsiisi; lafa kolbaa teetiif kennite irratti bokkeya roobisiisi.
1KI 8:37 «Yennaa beelti yookiin balaan lafa irratti dhufu, yennaa gugguufaan yookiin shantoon, awwaannisii fi korophiis midhaan balleessu yookiin yennaa diinni qachoota isaanii mara keessatti isaan marsu, yennaa balaan yookiin dhibeen isaan irra dhaqqaddu,
1KI 8:38 kolbaa teeti Israa'el keessaa eennulle rakkinna gadhaa ifii beekee, harka ifii gara Galma kanaa diriirsee yoo daadimatee gaafate,
1KI 8:39 ol-gubbaa addee leetoo teetii irraa isaaf dhage'iitii araarami; qarqaarille'e. Waan gadhaa namaa keessa jiru, ka beeku si qofa waan teeteef, nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kenni.
1KI 8:40 Achiin duuba kolbaan teeti lafa ati abbootii teenna ta duriitiif kennite keessa, bara leetu mara si hin sodaatti.
1KI 8:41 «Nami ormi, ka kolbaa teeti Israa'el hin te'in, marroo gurra keetii dhage'ee lafa fagoo irraa hin dhufa;
1KI 8:42 inni marroo maqaa keeti gudda'aa, irree teeti jaddu'uulle dhage'ee dhufee, gara Galma kanaa garagalee yennaa daadimatu,
1KI 8:43 ol-gubbaa addee leetoo teetii rraa isaaf dhage'i. Kolbaan lafa irraa marti, akkuma kolbaa teeti Israa'elii, maqaa keeti beettee, akka si sodaattu, Galmi ani ijaare kunille, maqaa keetiin akka waamamu akka beettu, waan nami ormi sun si gaafatu mara isaaf godhi.
1KI 8:44 «Kolbaan teeti diinota ifii loliisaaf, gara ati isaan ergitu mara yennaa dhaxxu, gara qachaa ati filatteetii fi Galma ani maqaa keetiif ijaare kanatti garagaltee yennaa daadimattu,
1KI 8:45 ati ol-gubbaa irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii isaaniif muummessi.
1KI 8:46 «Nami yakkaa hin hunye tokkolle waan hin jirreef, kolbaan teeti yennaa si yakkite, ati isaanitti mufattee, diinota isaan booji'ee lafa fagoo yookiin dhikoo isaan geessutti, dabarsitee yennaa kennitu,
1KI 8:47 isaan lafa diinota isaanii ta itti booji'amane san keessatti, yaada gadhaa ifii jijjiiranee, cubbuu ifii irraa deebi'anee, ‹Nuuti cubbuu hunyeerra; dokonkorreerra; waan hantuulle hunyeerra› jedhanee yoo si gaafatane,
1KI 8:48 lafa diinota isaan booji'ee san keessa adoo jiranuu, gadhaa ifii tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin gara keeti deebi'anee, gara lafa ati abbootii isaanii ta duriitiif kennitetti, gara qachaa ati filatteetii fi gara Galma ani maqaa keetiif ijaaree kanatti, garagalanee yoo si daadimatane,
1KI 8:49 ol-gubbaa addee leetoo teetii irraa, daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii isaaniif muummessi.
1KI 8:50 Cubbuu isaaniitii fi yakkaa isaan si irratti hujane isaaniif araarami; diinoti isaaniille akka isaaniif mararanu godhi.
1KI 8:51 Isaan kolbaa teeti ta ati biyya Gibxi'ii ta akka addee ibiddaa ta sibiila itti baqsiisanuu san keessaa baatte.
1KI 8:52 «Yennaa ani tajaajilaan keetii fi kolbaan teeti Israa'el, si gaafannu gara keenna ilaali; yennaa kolbaan teeti gara keeti iyyitu isaaniif dhage'i.
1KI 8:53 Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, ati abbootii teenna ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baatte, karaa tajaajilaa keeti Muuse'eetiin akkuma dubbate, gosa biyya adda addaa mara keessaa, kolbaa teeti akka te'anuuf isaan fooyatteerta» jedhe.
1KI 8:54 Solomoon addee ciinca'aa duratti jilbiiffatee, harka ifii diriirsee gara Mootii Waan Maraa daadimataa fi gaaffii ifii fixateen duuba ol ka'ee,
1KI 8:55 qoonqoo ifii ol qabatee, wolde'a Israa'elii mara eebbisee,
1KI 8:56 «Akkuma waadaa galetti, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa'eliif lafa kenne leellifamuu ti. Waadaa dansaa inni karaa tajaajilaa ifii Muuse'eetiin gale mara keessaa tokkolle adoo hin muummowin hin hanne.
1KI 8:57 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna abbootii teenna ta durii woliin akkuma jiraate, nu wolille'een jiraatuu ti; inni nu hin lakkisin; nu hin gatinille'e.
1KI 8:58 Ajaja, seerataa fi seera inni abbootii teenna ta duriitiif kenne mara akka eegannuu fi karaa isaa mara irra akka deddeebinuuf, qalbii teenna gara ifii deebisuu ti.
1KI 8:59 Ana tajaajilaa isaatii fi kolbaa isaa Israa'eliif, guyyaa guyya'aan wonni barbaachittu marti akka nuu teetuuf, gaaffiin tiyya ta ani halkanii fi guyyaa Mootii Waan Maraa duratti gaafadhu, Mootii Waan Maraa Waaqa keenna dura dhikaattuu ti.
1KI 8:60 Achiin duuba kolbaan lafa irraa marti Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, isa malee Waaqi dhibiin akka hin jirre hin beetti.
1KI 8:61 Isin kolbaan isaa akkuma adha godhiisatti jirtanu, seerata isaatiin deddeebi'aa, ajajoota isaa eegataa, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf, ka addatantane te'a'a» jedhe.
1KI 8:62 Achiin duuba mootichi Solomoonii fi Israa'elooti isa woliin jiranu marti, Mootii Waan Maraa duratti ciincaa dhikeessane.
1KI 8:63 Solomoon korommii kuma diddamii lama, hoolee kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama, kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse; akka kanaan mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti Galma Waaqaa eebbisane.
1KI 8:64 Addeen ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante, ta Mootii Waan Maraa duraa, ciincaa, kennansa midhaaniitii fi cooma kennansa tokkumma'aa, qabatiisaaf akka malee diqqoo waan teeteef, guyyuma san mootichi Solomoon kolloo wodhakka'aa, ta badhinna dalleya keessaa ta Galma Mootii Waan Maraatiin dura jirtu, addaa baasee achitti ciincaa, kennansa midhaaniitii fi cooma kennansa tokkumma'aa dhikeesse.
1KI 8:65 Maarre mootichi Solomoonii fi Israa'elooti, wolde'i guddaan kolbaa seensuma Haamaatii irraa haga laga Gibxi'iititti wolitti qabante mara woliin, Galma Waaqaa keessatti guyyaa torba torba, itti dabalanee guyyaa torba, wolumatti guyyaa kudha afur, fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa duratti, jila gose'ee jilifatane.
1KI 8:66 Guyyaa itti aanu Solomoon kolbaa ifi irraa geegesse; isaanille isa eebbisanee, waan dansaa Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Daawitii fi kolbaa ifii Israa'eliifille godhe maraaf, gammadaa ilillisaa gara mana ifii galane.
1KI 9:1 Mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa ijaaree, waan hujuu barbaade mara yennaa fixe,
1KI 9:2 Mootiin Waan Maraa akkuma dur Giibe'onitti isatti mudhate, ammalle itti mudhate.
1KI 9:3 Inni isaan, «Ani daadimataa fi gaaffii ati na gaafatte dhage'eera; Galma haga bara baraa maqaan kiyya akka itti waamamuuf, ati ijaarte kana woyyoonseera; ani yennaa mara gara isaa hin ilaala; waan isaalle hin yaada.
1KI 9:4 Akkuma abbaa keeti Daawitii, atille qajeelumma'aa fi addatamumma'aan, fuula kiyya dura yoo deddeebite, waan ani si ajaje mara yoo goote, seerataa fi seera kiyya yoo eegatte,
1KI 9:5 akkuma ani dur, ‹Sanyii teeti keessaa, nami barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u hin dhabamu› jedhee, abbaa keeti Daawitiif waadaa gale, barcumaa mootummaa teetii, Israa'el irratti haga bara baraa hin jabeessa.
1KI 9:6 «Ammoo ati yookiin sanyiin teeti na hordofiisa irraa deebitanee, ajajootaa fi seerataa ani isinii kenne eegatuu diddanee, dhaxxanee waaqota dhibii tajaajiltanee yoo waaqonfattane,
1KI 9:7 ani Israa'eloota lafa isaaniif kenne keessaa hin ari'a; Galma maqaan kiyya akka itti waamamuuf woyyoonse kanalle hin lakkisa; Israa'el kolbaa mara oddu'utti waan mammaassaatii fi waan kollaa hin teeti.
1KI 9:8 Galmi amma guddoo maadeffamu kun diigamee tuulaa bututaa hin te'a; worri karaa san dabaru marti maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti fide?› jedhaa itti hin murgan.
1KI 9:9 Isaan ifumaafuu deebisanee, ‹Isaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii, ka abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baase san lakkisanee, waaqota dhibii, waaqonfatanee waan tajaajilaneef, Mootiin Waan Maraa badii tana itti fide› hin jedhan» jedhe.
1KI 9:10 Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii woggaa diddamatti ijaaree fixe.
1KI 9:11 Mootiin Xiiroosii Hiiraam muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi worqii, haga Solomoon barbaade mara waan isaa kenneeruuf, mootichi Solomoon qachoota diddama Galiilaa keessa jiranu, Hiiraamiif kenne.
1KI 9:12 Te'uu malee mootichi Hiiraam, qachoota Solomoon isaaf kenne ilaaliisaaf yennaa dhaqe, qachoota sanitti hin gammanne.
1KI 9:13 Tanaaf inni Solomooniin, «Obboleessa kiyya! Ati qachoota attamii naaf kennite?» jedhee gaafate; qachoota sanille «Lafa Kabulii» jedhee moggaase; qachooti sun haga adhaalle maqaa kanaan waamaman.
1KI 9:14 Mootiin Xiiroosii Hiiraam, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, Solomooniif ergeeraayyu.
1KI 9:15 Mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii akka ijaaranuuf kaabii, «Miiloo» jedhantu akka guutanuuf, dalleya Yerusaalemii, dalleya qachaa Hazoorii, Megidootii fi Gezerii ijaarsisiisaaf, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu itti bobbaase.
1KI 9:16 Mootichi biyya Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gezerii lolee qabate; inni qachaa san gubee, Kana'aanota achi keessa le'anu fixee, qachaa san intala ifii ta mootichi Solomoon fuudheef gicaa kenne.
1KI 9:17 Solomoon qachaa Gezerii deebisee ijaare; inni ammalle qachaa Bet-Horoonii gara jalaa,
1KI 9:18 qachaa goomolee Yihuda'aa keessaa Ba'aalaatii fi Taamaarii,
1KI 9:19 akkasuma qachoota midhaan isaa itti kuusanu, qachoota garreettoti isaa ka fardaan harkifamanuu fi fardoon isaa itti galanu, waan ijaariisaaf barbaade mara Yerusaalem keessatti, Libaanonii fi lafa ifii bulchuu mara keessatti ijaarsise.
1KI 9:20 Worra Israa'eloota hin te'in Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota achitti hafane mara,
1KI 9:21 worra Israa'elooti sanyii isaanii balleessuu dadhabanee, lafa san keessatti hafane mara, haga adhaa Solomoon garboolee hujii hunnaa isaaf hujanu godhate.
1KI 9:22 Namoota Israa'elii ammoo loltoota, qondaaltota mootumma'aa, qondaaltota ifii, ajajjoota shantamaa, ajajjoota loltoota garreettaa fardaan harkifamuutii fi ajajjoota abbootii fardaa godhate malee, Israa'eloota keessaa eennulle garba hin godhane.
1KI 9:23 Solomoon itti gaafatantoota hojjattootaa, namoota dhibba shanii fi shantama qabaayyu.
1KI 9:24 Solomoon haadha manaa ifii intala mooticha Gibxi'ii, qachaa Daawitii keessaa baasee, mana mootummaa ifii ka isi'iif ijaarsisetti galcheen duuba kaabii, «Miiloo» jedhantu guuchisiise.
1KI 9:25 Solomoon wogga'atti yennaa sad kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hixaana woliin, fuula Mootii Waan Maraa duratti, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraatiif ijaare irratti dhikeesse; akka kanaan Galma Mootii Waan Maraa ijaaree fixe.
1KI 9:26 Mootichi Solomoon ammalle biyya Edoomii keessatti, qachaa Eziyon-Geberii ka qarqara abbaayaa diintu'uu, ka qachaa Elootii bira jirutti hoboloota gugurdoo hujisiise.
1KI 9:27 Mootiin Xiiroosii Hiiraam tajaajiltoota ifii, ta hoboloo guddittii oofanu, worra haala abbaaya'aa beekanu, tajaajiltoota Solomoonii woliin hoboloo keessa akka tajaajilanu erge.
1KI 9:28 Isaanille hoboloo gudditti'iin biyya Ofiirii dhaqanee, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu fidanee, mooticha Solomooniif kennane.
1KI 10:1 Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomooniitii fi maqaa Mootii Waan Maraa woliin tokkummaa inni qabu dhageettee, gaaffii jajjaddu'uun haga isa ilaaliisaaf, gara Yerusaalemii dhutte.
1KI 10:2 Isiin bookarsitoota hedduu woliin uddowaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feetee, Yerusaalem yennaa geette, gara mooticha Solomoonii dhaxxee, waan qalbii ifii keessaa qaddu mara isa gaafatte.
1KI 10:3 Mootichi Solomoonille gaaffii isiin gaafatte mara deebise; wonni inni isi'iif deebisiisa dadhabe takkaalle hin jirtu.
1KI 10:4 Mootittiin biyya Sheeba'aa, qarummaa Solomoonii mara, mana mootumma'aa ka inni ijaarelle yennaa dhaggite,
1KI 10:5 sagalee qorii isaa, akka qondaaltoti isaa itti teettu, akka itti tajaajiltooti isaa woyaa uffattu, worra waan unanu isaaf dhikeessuu fi ciincaa inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhikeesse yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte.
1KI 10:6 Isiin mooticha Solomooniin, «Oduun marroo hujii teetiitii fi qarummaa teetii, ta ani biyya tiyyatti dhage'e dhuga'a!
1KI 10:7 Ammoo haga as dhufee ila tiyyaan dhaggutti, waan natti himane mara hin dhugeeffanneeyyu; dhugumaan gamisa isi'iituu natti hin hinne; ati ta ani dhage'e caalaa, qarumma'aa fi durummaa guddoo qadda.
1KI 10:8 Namooti keeti attam attam hiree dansaa qaban! Qondaaltoti teeti ta yennaa mara si dura dhaabbattee, qarummaa teeti dhageettu attam attam hiree dansaa qaban!
1KI 10:9 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ka sitti gammadee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra si teessise leellifamuu ti; Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif jaalala bara baraa waan qabuuf, haqaa fi balchummaa akka hujjuuf, mootii si godheera» jette.
1KI 10:10 Achiin duuba isiin kennansa fidde mara, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, uddowa'aa fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa, mooticha Solomooniif kennite; eega san mootichi Solomoon uddowaa bacaa, ka haga mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf kennitee, dhaggatee hin beeku.
1KI 10:11 Hobolooti gugurdoon Hiiraamii, ta biyya Ofiiriitii worqii fidde, muka sandali'ii heddu'uu fi dhakaa gatii guddo'oo isaaf fiddeertiiyyu.
1KI 10:12 Solomoon muka sandali'ii kana irraa, waan Galma Mootii Waan Maraatii fi waan mana mootumma'aa, faarfattootaafille kiraaraa guddichaa fi maseenqoo hujisiise; eega bara sanii muki sandali'ii, ka hagana bacatu biyya Israa'eliititti ijjumaa ergamee yookiin dhaggamee hin beeku.
1KI 10:13 Mootichi Solomoon mootittii biyya Sheeba'aatiif kennansa isi'iif kenne irratti dabalee, waan isiin halchitee isa gaafatte mara isi'iif kenne; achiin duuba isiin bookarsitoota ifii woliin gara biyya ifii deebite.
1KI 10:14 Mootichi Solomoon woggaa wogga'atti, worqii gara kiiloogiraama kuma diddamii sad dhaggataayyu.
1KI 10:15 Tana maleelle qaraxa daldaltootaatii fi daldala irraa, mootota biyya Arabaa mara irraa dhaggamuu fi gibira bulchitooti kutaa biyya Israa'elii isaaf kennanu dhaggataayyu.
1KI 10:16 Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaatiin itti gonfanteerti.
1KI 10:17 Akkasuma wontee didiqqoo dhibba sad worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama lamaatiin itti gonfanteerti; mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye.
1KI 10:18 Inni ammalle barcumaa mootumma'aa guddaa tokko, ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe.
1KI 10:19 Barcumaan mootumma'aa, yaabbannoo jaa qabaayyu; mataan irkoo barcumaa mootumma'aa sun gara duubaa korbateera; middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qaba; cinaa waan harka irra keyatanu san lamaaniituu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera.
1KI 10:20 Qaccee yaabbannoo tokko tokkootuu san irra, gara lamaaniinuu fakkiin neenqotaa tokko tokko, wolumatti fakkiin neenqotaa kudhanii lama dhaabbatteerti; barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa biyya tamii keessalle'etti hujamee hin beeku.
1KI 10:21 Bara mooticha Solomoonii meetiin gatii guddoo waan hin qanneef, mey inni itti unuu fi mey mana mootumma'aa ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru marti, worqii qulluu irraa hujame malee, mey meetii irraa hujame tokkolle hin jiru.
1KI 10:22 Mootichi Solomoon hoboloota gugurdoo daldalaa ta biyya Tarshiishii, ta hoboloota Hiiraamii woliin daldalaaf abbaayaa irra deddeebitu qabaayyu; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, qalame'ee fi jaldeessa isaaf fidan.
1KI 10:23 Mootichi Solomoon durumma'aa fi qarumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu.
1KI 10:24 Namooti biyya lafaa duudiin, qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, gara isaa dhufiisa barbaadaniiyyu.
1KI 10:25 Worri gara isaa dhufu marti, wogguma wogga'aan kennansa meya meeti'iitii fi worqi'ii, woyaa, meya woraanaa, uddowaa, fardo'oo fi gaangee fidaniiyyu.
1KI 10:26 Solomoon garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo wolitti qabate; inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba afur, abbootii fardo'oo kuma kudha lama qabaayyu; isaan keessaa garii qachoota garreettoti fardaan harkifamanu le'anu keessa, garii addee ifii le'u Yerusaalem keessa keye.
1KI 10:27 Bara mootummaa ifii meetii akkuma dhakaa addee maratti dhaggamuu, muka hindheensaalle akkuma muki harru'uu lafa kooba jalaa keessatti bacatuu godhe.
1KI 10:28 Mootichi Solomoon fardoo ifii biyya Gibxi'iitii fi biyya Qiliiqiya'aa keessaa fichisiise; daldaltooti isaa biyya Qiliiqiya'aa keessaa fardoo bitanee fiddaniiyyu.
1KI 10:29 Isaan garreettaa fardaan harkifamu tokko tokko meetii dhibba jaan, farda tokko tokko meetii dhibba tokkoo fi shantamaan biyya Gibxi'ii keessaa bitanee fidanee, mootota Heetotaatii fi Sooriya'aatitti dabarsanee gurguraniiyyu.
1KI 11:1 Mootichi Solomoon dubartoota biyya ormaa hedduu jaalate; inni intala mooticha Gibxi'ii maleelle, durra worra Mo'aabii, durra worra Amoonii, durra worra Edoomii, durra worra Sidooniitii fi Heetii fuudhe.
1KI 11:2 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, «Durra gosa biyya adda addaa yoo fuutane, isaan dhugumaan gadhaa keessan gara waaqota ifii waan deebisanuuf, durra teessan ilmaan isaanii hin heerumsiisina'a; ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a» jedhee itti seereeraayyu; Solomoon ammoo, guddoo isaan jaalate.
1KI 11:3 Solomoon durra maatii moototaa keessaa niitota dhibba torbaa fi gursumeeyyii dhibba sad qabaayyu; isaan akka inni Waaqa irraa fagaatu godhane.
1KI 11:4 Yennaa inni dulloome, niitoti isaa akka inni waaqota dhibii waaqonfatu godhane; Solomoon akka abbaa ifii Daawitii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii gadhaa tokkochaan hin waaqonfanne.
1KI 11:5 Inni waaqa dharaa diqachiisaa worra Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuu fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamu waaqonfate.
1KI 11:6 Solomoon fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje malee, akka abbaa ifii Daawitii, addatamumma'aan Mootii Waan Maraa hin hordonne.
1KI 11:7 Inni waaqa dharaa jibbisiisaa worra Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa jibbisiisaa worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf, addee waaqonfanna'aa gaara qachaa Yerusaalemii irraa, gara aduun baatu jiru irratti ijaarsise.
1KI 11:8 Inni niitota ifii ta waaqota ifiitiif hixaana aarsituu fi ciincaa dhikeessitu, ta biyya ormaatii fuudhe maraafille akkasuma huje.
1KI 11:9 Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka yennaa lama isatti mudhate irraa waan fagaateef, Mootiin Waan Maraa Solomoonitti aare.
1KI 11:10 Solomoon waaqota dhibii akka hin waaqonfanne, Mootiin Waan Maraa isa ajajeeraayyu; inni ammoo waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje hin eeganne.
1KI 11:11 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Solomooniin, «Eega tana gootee, gondooroo na woliin gondoorattee fi seerata kiyya ka ani si ajaje eegatuu eega dhadde, mootummaa teeti si irraa fuudhee, tajaajiltoota teeti keessaa nama tokkoof hin kenna.
1KI 11:12 Te'uu malee, ani bara ilma keetii keessa mootummaa teeti isa irraa fuudha malee, abbaa keeti Daawitiif jedhee, bara jiruu teetii keessa tana hin godhu.
1KI 11:13 Tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii ka filadheef jedhee, gosa tokko ilma keetiif hin kenna malee, mootummaa san guutumatti ilma keeti irraa hin fudhadhu» jedhe.
1KI 11:14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa maatii mootota Edoomii keessaa diina, «Hadaad» jedhamu tokko, Solomoon irratti kaase.
1KI 11:15 Daawiti worra Edoomii lolee biyya isaanii yennaa qabate, ajajaan loltoota isaa Yo'aab, Israa'eloota du'ane awwaaliisaaf ol bayee, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeese.
1KI 11:16 Yo'aabii fi Israa'elooti marti, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeesanee haga fixanutti ji'a jaa achi turane.
1KI 11:17 Bara san Hadaad ilma diqqa'a; inni tajaajiltoota abbaa ifii gamisa woliin, gara biyya Gibxi'ii baqate.
1KI 11:18 Isaan biyya Miidiyaanii irraa ka'anee, biyya gara biyya Phaara'aa dhaqane; achiin duuba biyya Phaara'aa keessaa namoota fudhatanee, gara Fara'oonii mooticha Gibxi'ii dhaqane; mootichille mana, sagale'ee fi lafa Hadaadiif kenne.
1KI 11:19 Hadaad fuula mootichaa duratti fudhatama waan dhaggateef, mootichi obboleettii niitii ifii, «Taahafenes» ta jedhantu isa heerumsiise.
1KI 11:20 Isiin Hadaadiif ilma, «Genubaat» jedhamu deette; Taahafenes mana mooticha Gibxi'iititti isa gudditte; innille ijoollee mootichaa woliin le'e.
1KI 11:21 Hadaad adoo biyya Gibxi'ii jiruu, mootichi Daawiti akka du'e, ajajaan loltoota isaa Yo'aabille akka du'e yennaa dhage'e, mooticha Gibxi'iitiin, «Gara biyya tiyyaa akka deebi'u, naaf eeyyam» jedhee gaafate.
1KI 11:22 Mootichi Gibxi'ii ammoo, «Na biraa maan dhaddee, gara biyya teetii deebi'uu barbaadda?» jedhee isa gaafate? Hadaad deebisee mootichaan, «Womaa hin dhanne; ammoo deemuu barbaada, gara biyya tiyyaa akka deemu naaf eeyyam» jedhe.
1KI 11:23 Ammalle Mootiin Waan Maraa diina dhibii ilma Eliyaada'aa Rezon, ka goottaa ifii Hadaad-Ezer mooticha Zoba'aa jalaa baqate, Solomoon irratti kaase.
1KI 11:24 Yennaa Daawiti loltoota Zoba'aa fixe, Rezon namoota wolitti qabatee, sooressaa finqiltootaa te'e; inni namoota ifii woliin Damaasqoo dhaqee qubate; isaanille achitti mootii isa godhatane.
1KI 11:25 Rezon rakkoo Hadaad Israa'el irratti fide irratti dabalee, bara Solomoonii mara diina Israa'elii te'e; maarre Rezon Sooriyaa irratti mootii te'ee, Israa'el jibbe.
1KI 11:26 Ilmi Nebaatii Yerobi'aamille, Solomoon irratti finqila kaase; inni tajaajiltoota Solomoonii keessaa tokko ka te'e, sanyii Efreem keessaa, nama qachaa Zeredaarii ti; maqaan haadha isaa Zeruwa'a. Isiin haadha hiyyeessaa ti.
1KI 11:27 Solomoon kaabii, «Miiloo» jedhantu guutee, dalleya qachaa abbaa ifii Daawitii ka caccabe, deebisee waan ijaarsiseef, Yerobi'aam mooticha Solomoon irratti, finqila kaase.
1KI 11:28 Yerobi'aam nama dandeettii guddoo qabu; dargaggeessi kun hujii akka dansaa akka huju, Solomoon yennaa dhagge, gosa Yoseefii keessaa worra hunnaan hujii hunnaa hujanu irratti itti gaafatamaa godhe.
1KI 11:29 Gaafa tokko Yerobi'aam, qachaa Yerusaalemii keessaa bayee adoo deemuu, nami qachaa Shiilo'oo raagichi Ahiiyaan, ka woyaa haareya uffateeru, karaa irratti isa dhagge; isaan lamaanuu qacha'aan ala qofi adoo jiranuu,
1KI 11:30 Ahiiyaan woyaa haareya uffateeru san ifi irraa fuudhee, addee kudhanii lamatti gargar cicciree,
1KI 11:31 Yerobi'aamiin, «Ati citaa kudhan ifiif fudhadhu; sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani mootummaa Solomoon irraa fuudhee, cicciree gosa kudhan si'iif hin kenna;
1KI 11:32 tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii, ka ani qachootaa gosa Israa'elii mara keessaa filadheef jedhee, gosa tokko Solomooniif hin hambura.
1KI 11:33 Inni na lakkisee, waaqa dharaa ta worra Sidoonii Ashitaaroti, waaqa dharaa ka worra Mo'aabii Kemoshii fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa Moleek waan waaqonfateef, ani tana hin godha; inni akka Daawitii abbaa ifii karaa kiyya irra hin ideenne; fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hin hunye; seerataa fi ajaja kiyya hin eeganne.
1KI 11:34 Te'uu malee tajaajilaa kiyya ka ani filadhe, ka ajajaa fi seerata kiyya eegate Daawitiif jedhee, guutumatti Solomoon irraa mootummaa hin fuudhu; bara jiruu ifii mara akka inni bulchu hin godha.
1KI 11:35 Ammoo ilma Solomoonii irraa mootummaa fuudhee, gosa kudhan si'iif hin kenna.
1KI 11:36 Te'uu malee, maqaan kiyya akka ittiin waamamuuf qachaa filadhe Yerusaalem keessatti, sanyii tajaajilaa kiyya Daawitii keessaa, nami tokko yennaa mara barcumaa mootummaa isaa irraa, fuula kiyya duraa akka hin dhabanneef, ani ilma isaatiif gosa tokko hin kenna.
1KI 11:37 Ani fuudhee, mootii Israa'elii si hin godha; kutaa biyya jaalattee mara hin bulchita.
1KI 11:38 Akkuma tajaajilaan kiyya Daawiti godhe, atille waan ani si ajaje mara yoo goote, karaa kiyya irra yoo ideente, seerataa fi ajaja kiyya eegattee, waan sirrii te'e fuula kiyya duratti yoo goote, ani si woliin hin jiraadha; akkuma mootummaa Daawitii jabeesse, mootummaa sanyii teetille hin jabeessa; Israa'elille si'iif hin kenna.
1KI 11:39 Sababa cubbuu Solomooniitiif sanyii Daawitii hin adaba; ammoo haga bara baraatii moti› jedha» jedhe.
1KI 11:40 Tanaaf Solomoon Yerobi'aam ijjeesiisaaf wodhaane; Yerobi'aam ammoo gara mooticha biyya Gibxi'ii Shiishaaqii baqatee, haga Solomoon du'utti achi ture.
1KI 11:41 Wonni dhibiin ta Solomoon bara mootummaa ifii huje, qarummaan isaa martinuu, kitaabaa dabarsii Solomoonii keessatti barreeffanteerti.
1KI 11:42 Solomoon Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama, kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'e.
1KI 11:43 Achiin duuba Solomoon du'ee, qachaa Daawitii abbaa ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Rehobiyaam addee abbaa ifii Solomooniititti mootii te'e.
1KI 12:1 Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaxxeef, Rehobiyaamille achi dhaqe.
1KI 12:2 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe.
1KI 12:3 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee,
1KI 12:4 «Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane.
1KI 12:5 Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedhe. Maarre kolbaan deente.
1KI 12:6 Achiin duuba mootichi Rehobiyaam, jaarsolee abbaan isaa Solomoon yennaa jiru, Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate.
1KI 12:7 Isaan deebisanee, «Ati adha kolbaa tanaaf tajaajilaa teetee, yoo isaaniif tajaajilte, gaaffii isaaniitiif deebii dansaa yoo kennite, isaan yennaa mara tajaajiltoota teeti hin te'an» jedhane.
1KI 12:8 Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate.
1KI 12:9 Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate.
1KI 12:10 Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi maandhich kiyya, hidha abbaa kiyyaa caala furdata.
1KI 12:11 Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhi» jedhane.
1KI 12:12 Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane.
1KI 12:13 Mootichi Rehobiyaam gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne.
1KI 12:14 Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka qaajjibbu'uu qara qadduun isin hin dhaana» jedhe.
1KI 12:15 Wonni Mootiin Waan Maraa karaa nama qachaa Shiilo'oo raagicha Ahiiyaatiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dur dubbate, muummowuu waan qadduuf, mootichi waan kolbaan jette hin dhageenne.
1KI 12:16 Mootichi isaaniif dhage'uu akka dide, Israa'elooti marti yennaa hubatane, mootichaan, «Nuuti Daawiti woliin qooda maan qanna? Ilma Iseyii Daawiti woliin dhaala maan qanna? Ee kolbaa Israa'elii, gara mana keessanii deebi'a'a! Ee sanyii Daawitii, ati kolbaa teeti bulfadhu!» jedhane. Maarre Israa'elooti gara mana ifii deebi'ane.
1KI 12:17 Rehobiyaam ammoo Israa'eloota qachoota Yihuda'aa keessa le'anu bulche.
1KI 12:18 Achiin duuba mootichi Rehobiyaam, Adoniiraamii itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu gara Israa'eloota erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Mootichi Rehobiyaam ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii baqate.
1KI 12:19 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa mana mootummaa Daawitii irratti, akkuma finqila kaasanetti hafane.
1KI 12:20 Israa'elooti marti Yerobi'aam akka deebi'e yennaa dhage'ane, gara wolde'a ifii waansisanee, Israa'eloota mara irratti mootii isa godhane. Sanyii Daawitiitiif addatamaa te'ee worri hafe gosa Yihuda'aa qofa.
1KI 12:21 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa deebi'e, Israa'eloota gara kaabaa jiranu lolanee, gara mootummaa isaa akka isaaf deebisanu, fira Yihuda'aatii fi Beniyaaminii mara keessaa, loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate.
1KI 12:22 Ammoo jechi Waaqaa gara Shemaa'iyaa nama Waaqaa dhufee,
1KI 12:23 «Mootii Yihuda'aa Rehobiyaamii ilma Solomooniitiin, fira Yihuda'aatii fi Beniyaamiitiin, worra hafe maralle'een,
1KI 12:24 Mootiin Waan Maraa, ‹Wonni te'e kun fedha kiyyaan waan teeteef, Israa'eloota obboleeyyan teessan loliisaaf ol hin bayina'a. Isin martinuu gara mana keessanii deebia'a'a› jedhi» jedheen. Maarre isaan martinuu jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamanee, akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje gara mana ifii deebi'ane.
1KI 12:25 Achiin duuba mootichi Yerobi'aam biyya koobittii Efreemii keessatti qachaa Sheekemiititti dalleya dhaka'aa ijaaree yennaa diqqoo achi ture; achille'ee ka'ee qachaa Pheeni'eliille'etti dalleya dhaka'aa ijaare.
1KI 12:26 Inni gadhaa ifii keessatti, «Amma mootummaan sanyii Daawitiitiif waan deebitu fakkaatti;
1KI 12:27 kolbaan tun Galma Mootii Waan Maraa keessatti ciincaa dhikeessiisaaf, gara Yerusaalemii yoo ol baate, gadhaan isaanii gara goottaa isaanii mootii Yihuda'aa Rehobiyaamii hin deebi'a; isaan na ijjeesanee, gara mootii Yihuda'aa gara Rehobiyaamii hin deebi'an» jedhee yaade.
1KI 12:28 Mootichi waan kana irratti mari'ateen duuba, fakkii jabbi'ii lama worqii irraa hujisiisee kolba'aan, «Ee Israa'el, waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii ol bayiisi akka malee ulfaatti; waaqoti keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baasane isaan kana» jedhe.
1KI 12:29 Fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujisiise san, takkattii Bet'el keessatti, taan Daan keessatti dhaabe.
1KI 12:30 Kolbaan fakkii jabbi'ii san waaqonfatiisaaf Bet'el, haga Daaniille waan dhaxxeef, tun cubbuu itti teete.
1KI 12:31 Akkasuma Yerobi'aam addee waaqonfanna'aa irratti galma ijaaree, gosa Lewwi'ii te'uu dhabanulle kolbaa mara keessaa, hayyoota worra Lewwoota hin te'in file.
1KI 12:32 Yerobi'aam akkuma jila biyya Yihuda'aatitti jilifatanuu, ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, jila akka jilifatanu murteessee, addee ciinca'aa irratti ciincaa dhikeesse; inni fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujisiise ta Bet'el keessa dhaabe saniif, ciincaa dhikeesse. Inni addee waaqonfanna'aa ta Bet'el keessatti ijaare san keessalle hayyoota tajaajiltu keye.
1KI 12:33 Inni ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'oo, addee ciinca'aa ta Bet'el keessatti ijaarsise irratti, ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe; achitti guyyaa ifii filate sanitti Israa'elooti jila akka jilifatanu murteessee, hixaana aarsiisaaf gara addee ciinca'aa san ol baye.
1KI 13:1 Yerobi'aam hixaana aarsiisaaf addee ciinca'aa bira adoo dhaabbateeruu, nami Waaqaa tokko, ajaja Mootii Waan Maraatiin, biyya Yihuda'aa irraa gara Bet'elii dhufe.
1KI 13:2 Inni ajaja Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa mormee, qoonqoo guddo'oon, «Addee ciinca'aa! Addee ciinca'aa! Mootiin Waan Maraa si'iin, ‹Kunoo, sanyii Daawitii keessaa ilmi maqaan isaa: Yosiyaas jedhamu hin dhalata; inni hayyoota addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessanu, si irratti hin ciincessa; lafeen namootaa si irratti hin gubanti› jedha» jedhe.
1KI 13:3 Guyyuma san nami Waaqaa sun, beessisa kennee, «Addeen ciinca'aa tun gargar hin dhooti; daadhaan irra jirulle hin jiga. Kun beessisa Mootiin Waan Maraa kenne» jedhe.
1KI 13:4 Mootichi Yerobi'aam waan nami Waaqaa sun, addee ciinca'aa ta Bet'el keessaa mormee, qoonqoo guddo'oon dubbate yennaa dhage'e, addee ciinca'aa san irraa, harka ifii nama Waaqaa sanitti diriirsee, «Namicha kana qaba'a!» jedhe. Harki mootichaa ka inni itti diriirse sun ammoo, sooree waan gogeef, duubatti deebifatuu hin dandeenne.
1KI 13:5 Akkuma nami Waaqaa sun, jecha Mootii Waan Maraatiin beessisa kenne, addeen ciinca'aa sun gargar dhootee, daadhaan irra jirulle jige.
1KI 13:6 Mootichi Yerobi'aam nama Waaqaa saniin, «Maganne'e, harki kiyya fayyee, addee duriititti akka naa deebi'u, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti naaf daadimadhu!» jedhee kadhate. Maarre nami Waaqaa sun Mootii Waan Maraa daadimate; harki mootichaalle fayyee, akka dur jirutti deebi'e.
1KI 13:7 Achiin duuba mootichi nama Waaqaatiin, «Na woliin gara manaa koyiitii areerradhu; kennansalle si'iif hin kenna» jedhe.
1KI 13:8 Nami Waaqaa ammoo deebisee mootichaan, «Gamisa qabeenna keetii yoo naaf kennitelle, ani si woliin hin deemu; addee tanatti sagalee hin nyaadhu; bisaanille hin unu.
1KI 13:9 Sagalee akka hin nyaanne, bisaan akka hin unne, karaa dhufe sanille deebi'ee akka hin galle, Mootiin Waan Maraa na ajajeera» jedhe.
1KI 13:10 Tanaaf inni karaa dhibi'iin deebi'ee deeme malee, karaa gara Bet'elii dhufe san hin deebine.
1KI 13:11 Yennaa san jaarsi raagichi Bet'el keessa le'u tokko jiraayyu; ilmaan isaa dhuttee, waan nami Waaqaa guyyaa san Bet'el keessatti godhee fi waan inni mooticha Yerobi'aamitti dubbate mara isatti hinte.
1KI 13:12 Abbaan isaanii, «Namichi sun karaa kam deeme?» jedhee gaafate; ilmaan isaalle, karaa nami Waaqaa ka Yihudaa irraa dhufe sun deeme, isatti mudhitte.
1KI 13:13 Achiin duuba inni ilmaan ifiitiin, «Harree tiyyatti kooraa naa fe'a'a!» jedhe; isaan harree sanitti kooraa isaaf fe'ane; innille irra tee'ee,
1KI 13:14 nama Waaqaa san hordofee, qilxaa jala tee'eeruun dhaggee, «Nami Waaqaa ka biyya Yihuda'aatii dhufe si'ii?» jedhee isa gaafate. Inni deebisee, «Eeti'i, ana» jedhe.
1KI 13:15 Jaarsi raagichi sun nama Waaqaa saniin, «Ana woliin gara manaa koyiitii, areerradhu» jedhe.
1KI 13:16 Nami Waaqaa sun ammoo, «Ani si woliin gara mana keetii deebi'ee deemuu, addee tanatti sagalee si woliin nyaatuu, bisaanille unuu hin dande'u.
1KI 13:17 Achitti sagalee akka hin nyaanne, bisaan akka hin unne, karaa dhufe sanille deebi'ee akka hin galle, Mootiin Waan Maraa na ajajeera» jedhe.
1KI 13:18 Achiin duuba jaarsi raagichi sun sobee, nama Waaqaatiin, «Anille akkuma keeti raagicha; ergamaan tokko ajaja Mootii Waan Maraatiin, ‹Nami Waaqaa kun sagalee akka nyaatuu fi bisaan akka unu, deebisii gara mana keetii fudhadhuu gali› naan jedheera» jedhe.
1KI 13:19 Maarre nami Waaqaa sun isa woliin deebi'ee, mana isaatitti sagalee nyaatee, bisaan une.
1KI 13:20 Adoo isaan nyaatiisatti jiranuu, jechi Mootii Waan Maraa gara jaarsa raagichaa isa deebisee fide sanii dhufe.
1KI 13:21 Jaarsi raagichi sun, nama Waaqaa ka biyya Yihudaa irraa dhufe saniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Sababa ati jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamuu diddee, ajaja ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje eegatuu diddee,
1KI 13:22 addee dhaxxee sagalee akka hin nyaanne, bisaanille akka hin unne dhooggantetti, sagalee nyaattee, bisaanille waan unteef, reeffi keeti addee awwaalaa ta abbootiin teeti ta durii itti awwaalantetti hin awwaalamu!› jedha» jedhee qoonqoo guddo'oon dubbate.
1KI 13:23 Nami Waaqaa sun sagalee nyaatee, bisaan uneen duuba, jaarsi raagichi deebisee isa fide sun harre'etti kooraa isaaf fe'e.
1KI 13:24 Nami Waaqaa sun adoo deemiisatti jiruu, neenqi karaa irratti dhaggee isa ijjeese; reeffi isaalle karaa irratti albifamee, harree sanii fi neenqille achi dhaabbateeraayyu.
1KI 13:25 Namooti karaa san dabaranu tokko, reeffa karaa irratti albifameeruu fi neenqa isa bira dhaabbateeru san dhagganee, dhaqanee namoota qachaa jaarsi raagichi keessa le'utti odeessane.
1KI 13:26 Raagichi karaa irraa waamee isa deebise fide sun, waan kana yennaa dhage'e, «Inni nama Waaqaa ka jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamuu dide waan te'eef, Mootiin Waan Maraa akkuma isa ifi eeggachiise, neenqa caccassee isa ijjeesutti, dabarsee isa kenne» jedhe.
1KI 13:27 Achiin duuba raagichi ilmaan ifiitiin, «Harre'etti kooraa naa fe'a'a» jedhe; isaanille kooraa san isaaf fe'ane.
1KI 13:28 Raagichi ka'ee yennaa dhaqe, reeffi nama Waaqaa sun karaa irratti albifamee, harre'ee fi neenqi reeffa san bira dhaabbataneeranuun dhagge. Neenqi sun reeffa san hin nyaanne; harree sanille hin caccassine.
1KI 13:29 Maarre jaarsi raagichi sun, reeffa fuudhee harre'etti fe'ee, bowanee akka isa awwaalanu, gara qachaa Bet'elii fide.
1KI 13:30 Achiin duuba reeffa nama du'ee san, addee awwaalaa ta ifii qopheeffate keessa keyee, «Aanne'e, obboleessa kiyya!» jedhaa bowaneef.
1KI 13:31 Isa awwaalaneen duuba jaarsi raagichi ilmaan ifiitiin, «Gaafa ani du'u, addee awwaalaa ta nami Waaqaa keessatti awwaalame tana keessatti na awwaala'a; lafee tiyyalle lafee isaa bira keya'a.
1KI 13:32 Ergaan nami Waaqaa sun, ajaja Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa ta Bet'elii irratti, addee waaqonfanna'aa ta qachaa Samaariya'aa mara keessaa irratti morme, dhugumaan hin muummotti» jedhe.
1KI 13:33 Eega tun teeteeyyuu, mootichi Yerobi'aam ittuma dabalee gosuma mara keessa, worra addee waaqonfanna'aatiif hayyoota te'uu barbaadu adda baasee, addee waaqonfanna'aatiif, hayyoota filate malee, hujii hantuu ifii irraa hin deebine.
1KI 13:34 Cubbuu tanatti sanyii Yerobi'aamii gara jinnanaatii fi gara lafa irraa ijjumaa badiisaa geesse.
1KI 14:1 Bara san ilmi Yerobi'aamii Abiiyaan dhibame.
1KI 14:2 Mootichi Yerobi'aam haadha manaa ifiitiin, «Ka'iitii, haadha manaa tiyya akka teete nami tokkolle akka si hin beennetti uffadhuutii, gara addee raagichi Ahiiyaan, ka kolbaa tana irratti akka ani mootii te'u natti hime jiruu, Shiiloo dhaqi.
1KI 14:3 Yennaa dhaxxu daabboo xaltaa kudhan, bixee zayitii dibante diqqoo isi'iitii fi damma okkotee tokko qabadhuutii gara isaa dhaqi. Inni waan ilmi keenna te'uuf jiru si'itti hin hima» jedhe.
1KI 14:4 Maarre haati manaa Yerobi'aamiille akkuma inni jedhe gootee, gara qachaa Shiilo'oo gara mana Ahiiya'aa dhaxxe. Ahiiyaan waan dulloomeeruuf ilti isaa dhaggiisa dadhaddeertiiyyu.
1KI 14:5 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Kunoo, haati manaa Yerobi'aamii, ilmi isi'ii waan dhibameeruuf, marroo isaa si gaafatiisaaf dhufaarti. Ati, ‹Akkas, akkas› jedhiitii deebii isi'iif kenni. «Isiin nama dhibii ifi fakkeessitee, gara keeti hin dhutti» jedhee raagicha Ahiiya'atti hime.
1KI 14:6 Raagichi Ahiiyaan ammoo, ijjata isi'ii balbala irratti yennaa dhage'e, «Haadha manaa Yerobi'aamii, ol seen! Ati maaf nama dhibii ifi fakkeessita? Ani oduu badduu sitti himiisaaf ergameera.
1KI 14:7 Dhaqiitii waan Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii jedhu, Yerobi'aamitti himi! Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani odduu kolba'aatii si filee, kolbaa tiyya Israa'el irratti sooressa si godhe.
1KI 14:8 Ani mootummaa sanyii Daawitii irraa fuudhee si'iif kenne; ati ammoo akka tajaajilaa kiyya Daawitii, ka ajaja kiyya eegatee, gadhaa tokkochaan na hordofee, fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujee hin teene.
1KI 14:9 Ati sibiila baqsiifame irraa waaqota dhibii, waaqota dharaa hujisiittee, na aarsitee mootota si'iin duraa caalaa, waan hantuu hujjee, dudda natti galte.
1KI 14:10 Tanaaf ani maatii Yerobi'aamii irratti badii hin fida; maatii isaa ka garba te'e yookiin ka garba hin te'in, ilmaan dhiiraa ta isaa mara Israa'el keessaa hin balleessa; akkuma nami kosii gubee balleessu, anille maatii Yerobi'aamii hin balleessa.
1KI 14:11 Maatii isaa worra qachaa keessatti du'u mara sareen hin nyaatti; worra qacha'aan alatti du'u allaattiin hin nyaatti; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha» jedhe.
1KI 14:12 Achiin duuba Ahiiyaan haadha manaa Yerobi'aamiitiin, «Ati gara mana keetii deebi'i; akkuma ati qachaa seenteen ilmi keeti hin du'a.
1KI 14:13 Israa'elooti marti isaaf bowanee, isa hin awwaalan; maatii Yerobi'aamii keessaa, nami Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii itti gammade, isa qofa waan te'eef, isa qofatti awwaala dansaa dhaggata.
1KI 14:14 Mootiin Waan Maraa mootii haareya Israa'el irratti mootii te'ee, adhuma maatii Yerobi'aamii ijjumaa balleessu hin mootonsa; Tun ammuma hin teeti.
1KI 14:15 Israa'elooti utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu hujanee, Mootii Waan Maraa waan aarsaneef, inni isaan adabee akka shonbooqqoo bisaan keessaa isaan hin raasa; lafa dansaa abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessalle'ee isaan ari'ee, laga Efraaxiisiitiin gamatti isaan hin bittinneessa.
1KI 14:16 Yerobi'aam cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka huju waan godheef, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii hin lakkisa» jedhe.
1KI 14:17 Haati manaa Yerobi'aamii kaatee, gara qachaa Tiirza'aa deebite; akkuma isiin gulantaa balbalaa irra geetteen, ilmi isi'ii du'e.
1KI 14:18 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa tajaajilaa ifii raagicha Ahiiya'aatiin dubbate, Israa'elooti marti bowanee, isa awwaalane.
1KI 14:19 Wonni dhibiin ta mootichi Yerobi'aam huje, attam akka lolee fi akka bulche, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
1KI 14:20 Yerobi'aam mootii te'ee woggaa diddamii lama bulcheen duuba du'e; addee isaatitti ilmi isaa Naadaab mootii te'e.
1KI 14:21 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam biyya Yihuda'aatitti mootii yennaa te'e, nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni qachaa Yerusaalemii ka Mootiin Waan Maraa maqaan isaa akka itti waamamuuf, qachoota gosa Israa'elii mara keessaa filate keessa tee'ee, woggaa kudha torba bulche; haati Rehobiyaamii «Na'aamaa» jedhanti; isiin nama biyya Amoonii ti.
1KI 14:22 Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; isaan cubbuu hujane saniin, abbootii ifii ta durii caalaa aarii Mootii Waan Maraa ta hinaaffa'aa kakkaasane.
1KI 14:23 Isaan koobota dhedheertuu mara irratti addee waaqonfanna'aa, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, gaaddisa muka banqaaqa'aa mara jalalle'etti hujatane.
1KI 14:24 Lafa san keessa galmi dhiirti keessatti wol bukkoonsituuyyuu jira. Isaan akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baasee, waan Mootii Waan Maraa diqachiisu bacaa hujane.
1KI 14:25 Rehobiyaam mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, mootichi biyya Gibxi'ii Shiishaaq qachaa Yerusaalemii lole.
1KI 14:26 Inni qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessa jiru mara, wontee mootichi Solomoon worqii irraa hujisiise maralle fudhate.
1KI 14:27 Maarre mootichi Rehobiyaam, addee wontee worqi'ii san, wontee sageettu'uu hujisiisee, ajajjoota eeddota seensuma dalleya mana mootumma'aa eeganutti kenne.
1KI 14:28 Yennaa mootichi gara Galma Waaqaa dhufu mara, eeddoti wontee san fudhatanee qabatan; achiin duuba wontee san, gara kolloo eeddotaatitti deebisan.
1KI 14:29 Wonni dhibiin ta mootichi Rehobiyaam huje marti, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
1KI 14:30 Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara ifii mara wol lolaa turane.
1KI 14:31 Rehobiyaam du'ee, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala abbootii ifiititti awwaalame; haati Rehobiyaamii «Na'aamaa» jedhanti; isiin nama biyya Amoonii ti. Ilmi isaa Abiiyaan addee isaatitti mootii te'e.
1KI 15:1 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e.
1KI 15:2 Mootichi Abiiyaan Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Abiishaalomii ti.
1KI 15:3 Mootichi Abiiyaan cubbuu abbaan isaa dur huje mara huje; inni akka Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif hin addatanne.
1KI 15:4 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa Daawitiif jedhee, qachaa Yerusaalemii jabeessee, ilma isaan duuba barcumaa mootummaa isaa irra tee'u, Abiiya'aaf kenniisaan akka issa'aatitti addii isaaf kenne muummesse.
1KI 15:5 Daawiti cubbuu Uriiyaa Heeticha irratti huje malee, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e hujeera; bara jiruu ifii mara ajaja Mootii Waan Maraa eegateera.
1KI 15:6 Bara jiruu Abiiya'aa mara Rehobiyaamii fi Yerobi'aam wodhakkaa lolli jiraayyu.
1KI 15:7 Wonni dhibiin ta mootichi Abiiyaan huje marti, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wol lolaa turane.
1KI 15:8 Abiiyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti, abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Aasaan mootii te'e.
1KI 15:9 Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, Aasaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e.
1KI 15:10 Inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtamii tokko bulche; maqaan akkoo isaa Ma'aka'a; isiin intala Abiishaalomii ti.
1KI 15:11 Aasaan akkuma Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.
1KI 15:12 Mootichi Aasaan addee dhiirti itti wol bukkoonsitu lafa san keessaa balleesse; waaqota dharaa ka abbootiin isaa hujjelle mara balleesse.
1KI 15:13 Akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedroonii keessatti gube.
1KI 15:14 Aasaan addee waaqonfanna'aa mara balleessuu dhabulle, haga bara jiruu ifii mara, Mootii Waan Maraatiif addatameera.
1KI 15:15 Inni meya adda addaa ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf woyyoonse, meeti'ii fi worqii mara fidee, Galma Waaqaa keessa keye.
1KI 15:16 Mootiin Yihuda'aa Aasaanii fi mootiin Israa'elii Baa'ishaan, bara mootummaa isaanii mara wol lolaa turane.
1KI 15:17 Mootiin Israa'elii Baa'ishaan biyya Yihuda'aa lolee, eennulle gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane, qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaare.
1KI 15:18 Maarre mootichi Aasaan, meeti'ii fi worqii Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa keessatti hatte mara fuudhee, qondaaltota ifiititti kennee, gara mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaadii ilma Xaabriimoonii, akaakoo Heziyoonii ka qachaa Damaasqo'oo keessa jiruu ergee,
1KI 15:19 «Akkuma abbaan kiyyaa fi abbaan keeti wolii galtee godhatane, anii fi atille wolii galtee godhannuu ti. Kunoo ani kennansa meeti'iitii fi worqi'ii si'iif ergeera; amma mootichi Israa'elii Baa'ishaan, akka na irraa deebi'u, wolii galtee isa woliin godhatte san diigi» jedhe.
1KI 15:20 Mootichi Ben-Hadaad mooticha Aasaan woliin wolii galee, ajajjoota loltootaa gara qachoota Israa'elii akka duulanu godhe; isaanille Iiyon, Daan, Abeel-bet-ma'akaa, Kenerootii fi Niftaalemille mara qabatane.
1KI 15:21 Mootichi Israa'elii Baa'ishaan tana yennaa dhage'e, qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu lakkisee, gara qachaa Tiirza'aa deebi'e.
1KI 15:22 Achiin duuba mootichi Aasaan, namoota biyya Yihuda'aa maratti lassii dabarse; isaan keessaa nami tokkolle adoo hin hafin dhufanee, dhaka'aa fi muka mootichi Baa'ishaan qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsisaa ture san fuudhanee deemane. Mootichi Aasaan dhaka'aa fi muka saniin, lafa Beniyaamin keessatti qachaa Geba'aatii fi Miispha'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsise.
1KI 15:23 Wonni dhibiin ta mootichi Aasaan huje marti, milkayiis isaatii fi qachaan inni ijaarsise, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Inni yennaa dulloome ammoo, dhukkuba miilaatiin qabame.
1KI 15:24 Aasaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Yoshaafaax addee isaatitti mootii te'e.
1KI 15:25 Mootichi Aasaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Naadaab mootii Israa'el te'ee, woggaa lama bulche.
1KI 15:26 Inni akkuma abbaa ifii, fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhe.
1KI 15:27 Naadaabii fi Israa'elooti marti qachaa Filisxeemotaa Giibetoon marsanee adoo jiranuu, gosa Yisaakorii keessaa ilmi Ahiiya'aa Baa'ishaan, Naadaab irratti mala dhowee, isa ijjeese.
1KI 15:28 Maarre Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, Baa'ishaan Naadaab ijjeesee, addee isaatitti mootii Israa'elii te'e.
1KI 15:29 Inni akkuma mootii te'een, maatii Yerobi'aamii mara ijjeesee fixe; akkuma Mootiin Waan Maraa karaa tajaajilaa ifii, raagicha Ahiiyaa nama qachaa Shiilo'ootiin dubbate, inni maatii Yerobi'aamii tokkolle adoo hin hamburin mara isaanii fixe.
1KI 15:30 Tunille sababa Yerobi'aam cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii aarseef teete.
1KI 15:31 Wonni dhibiin ta mootichi Naadaab huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
1KI 15:32 Mootiin Yihuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Baa'ishaan bara mootummaa ifii mara wol lolaa turane.
1KI 15:33 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa sadeesso'ootitti ilmi Ahiiya'aa Baa'ishaan, qachaa Tiirza'aa keessatti mootii te'ee, woggaa diddamii afur bulche.
1KI 15:34 Baa'ishaan akkuma Yerobi'aamii, fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhe.
1KI 16:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara Yehuu raagicha ilma Haanaanii dhufee marroo mooticha Baa'isha'aa dubbatee,
1KI 16:2 «Ani bukuu keessaa si kaasee, sooressa kolbaa tiyya Israa'elii si godheera; ati ammoo akka Yerobi'aamii cubbuu hujjee, kolbaan tiyyalle cubbuu hujjee, cubbuu ifiitiin akka na aarsitu gooteerta.
1KI 16:3 Tanaaf ani akkuma maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatii balleesse, si'ii fi maatii teeti hin balleessa.
1KI 16:4 Maatii teeti keessaa worra qachaa keessatti du'u mara, sareen hin nyaatti; worra qacha'aan alatti du'u mara, allaatiin hin nyaatti» jedhe.
1KI 16:5 Wonni dhibiin ta mootichi Baa'ishaan huje martii fi milkayiis isaa, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
1KI 16:6 Mootichi Baa'ishaan du'ee, qachaa Tiirza'aa keessatti awwaalame; ilmi isaa Elaan addee isaatitti mootii te'e.
1KI 16:7 Mootichi Baa'ishaan, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, akkuma maatii Yerobi'aamii waan hantuu huje saniin Mootii Waan Maraa aarsee, maatii Yerobi'aamiille ijjeesee waan fixeef, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagicha Yehuu ilma Haannaaniitiin isaa fi maatii isaa irratti dhufe.
1KI 16:8 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii jayeesso'ootitti, ilmi Baa'ishaa Elaan Israa'el irratti mootii te'ee, qachaa Tiiza'aa keessa tee'ee, woggaa lama bulche.
1KI 16:9 Qondaaltota isaa keessaa tokko ka, «Ziimri» jedhamu, ajajaan gamisa garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu, isa irratti mala dhowe. Yennaa san mootichi Elaan qachaa Tiirza'aa keessatti, mana Aarza'aa ka itti gaafatamaa mana mootumma'aa keessatti unee machoweeraayyu.
1KI 16:10 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri mana seenee Elaa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.
1KI 16:11 Ziimri mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa irra akkuma tee'een, maatii Baa'ishaa mara ijjeesee fixe; inni fira yookiin jaalota isaa keessaa dhiira tokkolle adoo hin hamburin fixe.
1KI 16:12 Maarre Ziimri akkuma jechi Mootii Waan Maraa, karaa raagicha Yehuutiin marroo mooticha Baa'isha'aa dubbate, maatii Baa'ishaa mara balleesse.
1KI 16:13 Baa'ishaa fi ilmi isaa Elaan waaqota dharaa ka woy hin baane waaqonfatiisaan cubbuu hujanee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhanee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii waan aarsaneef, tun teete.
1KI 16:14 Wonni dhibiin ta mootichi Elaan huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
1KI 16:15 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee, guyyaa torba callaa bulche; yennaa san loltooti Israa'elii, qachaa worra Filisxeemotaa, Giibetoon marsitee achi qubatteerti.
1KI 16:16 Loltooti Israa'eloota ta addee quttumaa jirtu, Ziimri mala dhowee mooticha akka ijjeese yennaa dhageette, guyyuma san, addee quttumaa san keessatti ajajaa ifii Omiri Israa'el irratti mootii godhane.
1KI 16:17 Achiin duuba Omiri, loltoota ifii mara woliin qachaa Giibetoonii lakkisee, dhaqee qachaa Tiirza'aa marse.
1KI 16:18 Ziimri qachaan akka qabame yennaa dhagge, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aa qabu san ol seenee, mana mootumma'aa san ifi irratti gubee, ibidda saniin du'e.
1KI 16:19 Inni akkuma Yerobi'aamii fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju waan godheef tun teete.
1KI 16:20 Wonni dhibiin ta mootichi Ziimri hujee fi finqilli inni kaase, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
1KI 16:21 Achiin duuba kolbaan Israa'elii addee lamatti qoodante; kolbaan gamisi ilma Giinatii Tiibnii mootii godhatiisa barbaadde; worri gamisi Omiri mootii godhatiisa barbaade.
1KI 16:22 Kolbaan Omiri hordotte ammoo, kolbaa ilma Giinatii Tiibnii hordotte injifatte; maarre Tiibni du'ee, Omiri mootii te'e.
1KI 16:23 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa soddomii tokkeesso'ootitti, Omiri mootii Israa'elii te'ee, woggaa kudhanii lama bulche; woggoota tana keessaa woggoota jaa qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee bulche.
1KI 16:24 Inni kooba Shamroonii meetii kuma jaan namicha, «Shemeri» jedhamu irraa bitatee, qachaa irratti ijaaree, qachaa san maqaa Shemerii ka abbaa kooba san gurgureetiin, «Samaariyaa» jedhee moggaase.
1KI 16:25 Omiri mootota isaan qaraa mara caalaa, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
1KI 16:26 Inni akkuma Yerobi'aamiin ilmi Nebaatii cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhee, waaqota dharaa ka woy hin baane waaqonfatiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka aarsanu godhe san mara huje.
1KI 16:27 Wonni dhibiin ta mootichi Omiri huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
1KI 16:28 Omiri du'ee qachaa Samaariya'aatitti awwaalame; ilmi isaa Ahaab addee isaatitti mootii te'e.
1KI 16:29 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Omirii Ahaab Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa diddamii lama Israa'el bulche.
1KI 16:30 Ilmi Omirii Ahaab mootota isaan qaraa mara caalaa, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
1KI 16:31 Inni cubbuu mootichi ilmi Nebaatii Yerobi'aam huje akka waan kaso'ootitti ilaalee, ifille'eef cubbuma san huje; itti dabaleelle intala Etba'aalii mooticha Sidoonii Iizaabel fuudhee, waaqa dharaa Ba'aal tajaajiliisaa fi waaqonfatiisa jalqabe.
1KI 16:32 Inni Samaariyaa keessatti waaqa dharaa Ba'aaliif galma ijaaree, achi keessatti addee ciinca'aa huje.
1KI 16:33 Inni ammalle utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu hujee, mootota Israa'elii ta isaan qaraa mara caalaa cubbuu hujee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii aarse.
1KI 16:34 Bara Ahaabii keessa, nami qachaa Bet'elii Hii'el qachaa Yeriko'oo deebisee ijaare. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Iyaasuu ilma Nuniitiin dubbate, guyyaa Hii'el hundee qachaa Yeriko'oo dhaabe, ilmi angafichi isaa Abiiram du'e; guyyaa inni karra qachaa sanii baase, ilmi isaa maandhich Seguub du'e.
1KI 17:1 Eliyaas ka biyya Giil'aadii keessa Tishibee keessa le'u, mooticha Ahaabiin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa Israa'elii ka ani tajaajiluu, jecha kiyyaan malee, woggoota dhufanu keessa fixeensi lafa irratti hin dhaggamu yookiin bokkeenni hin roobu» jedhe.
1KI 17:2 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee,
1KI 17:3 «Addee tanaa ka'ii karaa aduun baatu dhaqiitii, dhooqa Keriitii ka Yordaanos irraa karaa aduun baatu jirutti dhokadhu.
1KI 17:4 Dhooqa san keessaa bisaan hin unta; achitti sagaleelle akka sii fidu harraaqessa ajajeera» jedhe.
1KI 17:5 Maarre Eliyaas akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje, gara dhooqa Keriitii ka laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiru dhaqee achi ture.
1KI 17:6 Harraaqessi daabbo'oo fi foon ganamaa fi galgala isaaf fidaayyu; inni bisaanille laga san keessaa unaayyu.
1KI 17:7 Bokkeenni lafa irraa waan dhabameef, yennaa diqqo'oon duuba lagi sun goge.
1KI 17:8 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee,
1KI 17:9 «Ka'ii, gara qachaa Saraaphta'aa ka biyya Sidoonii keessa jiruu dhaqii achi le'i. Haati hiyyeessaa ta achi leetu takka, akka sii areertu ani ajajeera» jedhe.
1KI 17:10 Maarre Eliyaas gara qachaa Saraaphta'aa dhaqee, karra qacha'aa bira yennaa geye, haadha hiyyeessaa ta haasumee qocattu takka dhaggee, isii waamee, «Maganne'e bisaan unu naa fidi» jedheen.
1KI 17:11 Isiin bisaan isaaf fidiisaaf dhaqiisatti adoo jirtuu, inni isii waamee, «Maganne'e daabboo diqqoo isi'iille naa fidi» jedhe.
1KI 17:12 Isiin deebittee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraata'aa, ani bullaa ooboo tokko ta okkotee keessa jirtuu fi zayitii ejersaa cingoo okkotee keessa jirtu malee, daabboo ijjumaa hin qabu. Ani haasumee qocadhee gara mana kiyyaa deebi'ee, ifii fi mucaa kiyyaaf sagalee bilcheessiisaaf as dhufe; achiin duuba beelaan duuna» jetteen.
1KI 17:13 Eliyaas isi'iin, «Hin sodaatin; gara manaa dhaqiitii akkuma jette godhi; dursiitii bullaa diqqoo qaddu san irraa, bixee diqqoo bilcheesiitii naa fidi; achiin duuba ifii fi ilma keetiif bilcheessi.
1KI 17:14 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Haga ani lafa irratti bokkeya roobisiisutti, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumattu› jedha» jedhe.
1KI 17:15 Isiin dhaxxee akkuma Eliyaas jedhe goote; maarre isi'ii fi maatiin isi'ii, Eliyaasille sagalee guyyaa hedduu isaaniif geettu dhaggatane.
1KI 17:16 Waaqi karaa Eliyaasiitiin akkuma waadaa gale, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumanne.
1KI 17:17 Guyyaa diqqa'aan duuba ilmi haadha hiyyeessa sun dhibame; dhibeen waan itti hammaatteef dhuma irratti du'e.
1KI 17:18 Isiin Eliyaasiin, «Ee nama Waaqaa ani maan si godhe? Ati cubbuu tiyya Waaqa qaabachiittee, ilma kiyya ijjeesiisaaf as dhuttee?» jettee gaafatte.
1KI 17:19 Eliyaas deebisee, «Ilma keeti natti kenni» jedhee harka isi'ii irraa fuudhee, gara mana mana irratti ijaarramee geessee, taqee ifii irratti irkise.
1KI 17:20 Achiin duuba Eliyaas qoonqoo guddo'oon, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, haadha hiyyeessaa ta ani bira turu tana, ilmi isi'ii akka du'u godhiisaan, waan hantuu akkasii maaf isii irratti fidde?» jedhee gara Mootii Waan Maraa iyye.
1KI 17:21 Achiin duuba inni ilma san irratti yennaa sad itti gombifamee, «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, maganne'e lubbuun mucaa kanaa akka itti deebitu godhi» jedhee gara Mootii Waan Maraa iyye.
1KI 17:22 Mootiin Waan Maraa iyya Eliyaasii dhage'ee, mucaalle lubbuun itti deebitee fayye.
1KI 17:23 Eliyaas mana mana irratti ijaarame irraa mucaa gad buusee, «Kunoo, mucaa keeti lubbuun itti deebiteerti» jedhee haadha isaatitti isa kenne.
1KI 17:24 Achiin duuba isiin, Eliyaasiin, «Ati nama Waaqaa akka teetee fi jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dhugaa akka te'e beekeera» jetteen.
1KI 18:1 Yennaa heddu'uun duuba, woggaa sadeesso'oo keessa, jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, «Dhaqiitii mooticha Ahaabitti mudhadhu; anille lafa irratti bokkeya hin roobisiisa» jedhe.
1KI 18:2 Maarre Eliyaas akkuma ajajame gara Ahaabii dhaqe. Yennaa san Samaariyaa keessatti beelti hammaatteertiiyyu.
1KI 18:3 Maarre mootichi Ahaab itti gaafatamaa mana mootummaa isaa Obaadiyaa waansise; Obaadiyaan nama guddoo Mootii Waan Maraa sodaatu.
1KI 18:4 Iizaabel yennaa raagota Mootii Waan Maraa ijjeesisaa turte, Obaadiyaan raagota dhibba tokko fuudhee, shantama shantamaan addee lamatti qoodee, goda dhaka'aa lama keessatti dhossee, sagale'ee fi bisaan isaaniif dhikeessaayyu.
1KI 18:5 Mootichi Ahaab, Obaadiya'aan, «Ka'iitii, biyya keessa gara madda bisaanii maraa fi laga maraa dhaqi; dedha fardoon, gaangotii fi horiin keenna akka hin duune marra dhagganna fa'a te'a» jedhe.
1KI 18:6 Maarre Ahaabii fi Obaadiyaan biyya keessa deemanu qoqoodamanee, Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan karaa dhibii deemane.
1KI 18:7 Obaadiyaan adoo deemiisatti jiruu Eliyaasiin wol dhagge; inni Eliyaas akka te'e hubatee, fuula ifiitiin lafatti gad gombifamee, «Ati dhugumaan, goottaa kiyya Eliyaasii?» jedhee gaafate.
1KI 18:8 Eliyaas deebise, «Eeti'i ana; dhaqiitii, ‹Eliyaas as jira› jedhii goottaa keetitti himi» jedhe.
1KI 18:9 Obaadiyaan deebisee Eliyaasiin, «Ani maan yakkinaan, mootichi Ahaab ana tajaajilaa keeti akka ijjeesuuf, harka isaatitti dabarsitee na kennita?
1KI 18:10 Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa keetii, goottaan kiyya si barbaadiisaaf, kolbaan yookiin mootummaan inni nama itti hin ergin tokkolle hin jirtu; kolbaan yookiin mootummaan, ‹Inni as hin jiru› yennaa jettu, akka ati achi hin jirre mirkaneeffatiisaaf, isaan kakachiisaayyu.
1KI 18:11 Amma ammoo ati akka ani gara goottaa kiyyaa dhaqee, ‹Eliyaas as jira› jedhee itti himu barbaaddaa ree?
1KI 18:12 Ani yennaa si biraa deemu, ayyaanni Mootii Waan Maraa eessa akka si geessu waan hin beenneef, ani dhaqee isatti himee, inni yoo si dhagguu dhabe, na hin ijjeesa; ani tajaajilaan keeti ijoollummaa tiyyaan jalqabee Mootii Waan Maraa hin sodaadha.
1KI 18:13 Iizaabel yennaa raagota Mootii Waan Maraa ijjeesisiitte, waan ani godhe, ati goottaan kiyya hin dhageennee? Ani raagota Mootii Waan Maraa dhibba tokko, shantama shantamaan addee lamatti qoodee, goda dhaka'aa lama keessatti dhossee, sagale'ee fi bisaan isaaniif kenne.
1KI 18:14 Ati amma ani gara goottaa kiyyaa dhaqee, ‹Eliyaas as jira› jedhee akka itti himu barbaaddaa ree? Yoo ani tana godhe inni na hin ijjeesa» jedhe.
1KI 18:15 Eliyaas deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa waan mara dadee, ka ani tajaajiluu, dhugumaan ani adha mooticha Ahaabitti hin mudhadha» jedhe.
1KI 18:16 Maarre Obaadiyaan dhaqee addee Eliyaas jiru mooticha Ahaabitti hime; Ahaabille ka'ee Eliyaasiin wol dhaggiisaaf deeme.
1KI 18:17 Ahaab yennaa Eliyaas dhagge, «Ka Israa'el rakkisu ada si'ii?» jedhe.
1KI 18:18 Eliyaas deebisee, «Ajaja Mootii Waan Maraa lakkittanee, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan, Israa'el irratti rakkoo ka fidde si'ii fi maatii abbaa keetiiti malee, anaa moti.
1KI 18:19 Amma nama ergiitii kolbaa Israa'elii mara, raagota Ba'aalii dhibba afurii fi shantama, raagota waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu dhibba afur worra qorii Iizaabelii keessaa nyaatanu, gaara Qarmelosii irratti wolitti naaf qabi» jedhe.
1KI 18:20 Tanaaf Ahaab Israa'eloota maratti nama ergee, raagota san gaara Qarmelosii irratti wolitti qabe.
1KI 18:21 Eliyaas kolbaa dura dhikaatee, «Haga yoomii yaada lamaan daaxxan? Mootiin Waan Maraa Waaqa yoo te'e isa hordofa'a Yookiin Ba'aal Waaqa yoo te'e isa hordofa'a!» jedhe. Kolbaan ammoo waan tokkolle hin deebinne.
1KI 18:22 Achiin duuba Eliyaas kolba'aan, «Raagota Mootii Waan Maraa keessaa nami hafe na qofa; Ba'aal ammoo raagota dhibba afurii fi shantama qaba.
1KI 18:23 Korommii lama nu'uuf dhikeessa'a; raagoti Ba'aalii korma tokko filatanee qalanuu ti; foon isaalle kukkutanee qoraanirra naqanuu ti; ammoo ibidda itti hin gabbisin; anille korma lammeesso'oo qalee qopheessee qoraanirra naqa; ammoo ibidda itti hin gabbisu.
1KI 18:24 Achiin duuba raagoti Ba'aalii gara waaqa ifii daadimatanuu ti; anille gara Mootii Waan Maraa kiyyaa hin daadimadha; waaqi ibiddaan deebii kennu, inni Waaqa dhuga'aa ti» jedhe. Kolbaan marti, «Wonni ati jette dansa'a» jette.
1KI 18:25 Achiin duuba Eliyaas raagota Ba'aaliitiin, «Isin hedduu waan teetaneef, korma tokko filadha'aatii, dursa'a qala'aa qopheessa'a; achiin duuba maqaa waaqa keessanii waammadha'a; ammoo ibidda itti hin gabbisina'a» jedhe.
1KI 18:26 Maarre korma isaaniif kenname san qalanee qopheessanee, ganamaa haga saatii jaatitti waaqa Ba'aalii waammatane; isaan, «Ba'aal nuu dhage'i» jedhaa iyyane; adaala addee ciinca'aa ta ijaarane sanii cinaa maraa sirbane malee, deebiin hin jirtu; ka isaaniif deebii kennelle hin jiru.
1KI 18:27 Guyyaa saatii jaatti Eliyaas, «Dhugumaan inni waaqaa motii ree! Takki yaadiisatti jira; yookiin huji'itti itti bacateera; yookiin karaa deemeera yookiin rafeera fa te'a, isa dammassiisaaf qoonqoo teessan ol qabadha'aatii iyya'a!» jedhee isaanitti murge.
1KI 18:28 Maarre raagoti dharaa qoonqoo ifii ol qabatanee iyyanee, akkuma aadaa isaanii dhiigi isaanii haga jigutti, shallaaga'aa fi ebo'oon nafa ifi mammadeessane.
1KI 18:29 Isaan guyyaa saatii jaan duuba, haga ciincaa galgalaatitti raaga carraaqane; ammoo deebiin hin jirtu; ka deebii isaaniif kenne, ka isaan caqaselle hin jiru.
1KI 18:30 Achiin duuba Eliyaas kolbaa maraan, «Gara kiyya kowa'a!» jedhe; isaanille gara isaa dhufane. Innille addee Mootii Waan Maraatiif ciincaa itti dhikeessanu ta diigante deebisee ijaare.
1KI 18:31 Inni laakkossa gosa ilmaan Yaaqoobii kudhanii lamaatiin, dhakoota kudhanii lama fuudhe; Yaaqoobiin kun ka Mootiin Waan Maraa, «Maqaan keeti Israa'el te'a» jedhee moggaase.
1KI 18:32 Inni dhakaa kanaan maqaa Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa ijaare; addee ciinca'aa sanitti marsee boolla bisaan litirii gara kudhanii afur qabattu qote.
1KI 18:33 Inni addee ciinca'aa san irra qoraan naqee, foon korma qalamee san kukkutee qoraanirra naqe; achiin duuba, «Okkotee afuritti bisaan guuta'aatii, ciinca'aa fi qoraan san irratti dhangalaasa'a!» jedhe. Isaanille akkasuma godhane.
1KI 18:34 Inni, «Lammeessoo itti dhangalaasa'a!» jedheen. Isaanille akkasuma godhane. Inni, «Sadeessoo itti dhangalaasa'a» jedhee ajaje; isaanille sadeessoo itti dhangalaasane.
1KI 18:35 Bisaan adaala addee ciinca'aa san maratti gad yaa'ee, boolla addee ciinca'aa san guute.
1KI 18:36 Yennaa ciincaa galgalaa, raagichi Eliyaas gara addee ciinca'aa dhikaatee, «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii, ati Waaqa Israa'elii akka teete, anille tajaajilaa keeti akka te'e, waan kana mara ajaja keetiin akka godhe, adha akka beekkamu godhi.
1KI 18:37 Kolbaan tun akka ati Mootii Waan Maraa Waaqa teete, qalbii isaaniille gara ifii deebisiisatti ka jiru si akka teete akka beettu, naa dhage'i; ee, Mootii Waan Maraa deebii naa kenni» jedhe.
1KI 18:38 Achiin duuba ibiddi Mootii Waan Maraa bu'ee, ciincaa, qoraan, dhakootaa fi biyyee san nyaatee, bisaan boolla keessaalle arraabe.
1KI 18:39 Kolbaan marti tana yennaa dhaggite, fuulaan lafatti gad gombifantee, qoonqoo guddo'oon, «Mootiin Waan Maraa kun Waaqa; Mootiin Waan Maraa kun Waaqa» jette.
1KI 18:40 Achiin duuba Eliyaas, «Raagota Ba'aalii qaba'a! Isaan keessaa nami tokkolle hin bayin!» jedhee isaan ajaje. Kolbaan isaan mara qadde; Eliyaasille isaan mara gara dhooqa Qiisonii geessee, achitti isaan fixe.
1KI 18:41 Achiin duuba Eliyaas mooticha Ahaabiin, «Gikkeessi bokkeya hama'aa waan jiruuf, ol bayiitii nyaadhu; unille'e» jedhe.
1KI 18:42 Maarre Ahaab nyaatee uniisaaf ol baye; Eliyaas ammoo gara qaccee gaara Qarmelosii ol bayee, jilba ifii lamaan wodhakka'atti gara lafaa gad jedhe.
1KI 18:43 Inni tajaajilaa ifiitiin, «Dhaqiitii gara fuullee abbaaya'aa ilaali!» jedhe. Tajaajilaan isaalle dhaqee ilaalee, «Wonni tokkolle achi hin jiru» jedhe. Achiin duuba Eliyaas tajaajilaa ifiitiin, «Yennaa torba ammalle deebi'ii dhaqi» jedheen.
1KI 18:44 Tajaajilaan isaa yennaa torbeesso'ootitti, «Duumensi diqqaan harka namaa hin caalle, abbaayaa irraa ol ka'uun dhagge» jedhe. Eliyaas tajaajilaa ifiitiin, «Gara Ahaabii mootichaa dhaqiitii, ‹Adoo bokkeenni si hin kutin, garreettaa keeti ka fardaan harkifamu irra tee'iitii gara mana keeti gad bu'i› jedhii itti himi» jedhee ajaje.
1KI 18:45 Yennuma san gubbaan duumensaan gurraachotte, bubbeen bubbittee, bokkeenni hamaan bu'e. Mootichi Ahaabille garreettaa fardaan harkifamu irra tee'ee gara Yizre'elii deeme.
1KI 18:46 Hunni Mootii Waan Maraa Eliyaas irratti buute; inni woyaa ifii ol caccaffatee hidhatti sikkatee, haga seensuma Yizre'elii Ahaabiin dura rukkise.
1KI 19:1 Mootichi Ahaab waan Eliyaas godhe mara, raagota Ba'aalii maralle attam akka inni shallaaga'aan ijjeese, haadha manaa ifii Iizaabelitti hime.
1KI 19:2 Maarre Iizaabel gara Eliyaasii nama ergitee, «Akkuma ati raagota Ba'aalii ijjeette, boru yennaa tanatti yoo ani si hin ijjeesin, waaqoti na ijjeesanuu ti!» jette.
1KI 19:3 Eliyaas sodaatee lubbuu ifii hamburatiisaaf baqate; inni biyya Yihuda'aa keessa Bersheebaa yennaa geye, tajaajiltoota ifii achitti lakkisee,
1KI 19:4 guyyaa tokko guutuu goomolee keessa deemeen duuba, gaaddisa muka ittachaa jala tee'ee, «Ani abbootii tiyya ta durii waan hin caalleef, amma na hin geettii, Waaqa kiyya na ijjeesi!» jedhee daadimate.
1KI 19:5 Achiin duuba inni muka ittachaa san jala irkatee adoo rafee jiruu, ergamaan Waaqaa tokko isa tuqee, «Ka'iitii, nyaadhu» jedhe.
1KI 19:6 Eliyaas dammaqee adaala ifii yennaa ilaale, bixee daabbo'oo ta dhakaa o'u irratti bilchaattee fi okkotee bisaanii takka mataa ifii duratti dhagge. Inni nyaatee uneen duuba deebi'ee rafe.
1KI 19:7 Ergamaan Mootii Waan Maraa ammalle deebi'ee dhufee, isa tuqee, «Karaa fagoo waan deentuuf, ka'iitii nyaadhu!» jedheen.
1KI 19:8 Maarre Eliyaas ka'ee, nyaatee une; hunna sagalee saniitiin, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama haga Siinaa gaara Waaqaa deeme.
1KI 19:9 Inni akkuma achi geyeen goda takka seenee bule. Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, «Eliyaas! Maan asii hujja?» jedhee gaafate.
1KI 19:10 Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe.
1KI 19:11 Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Ani achiin waan dabaruuf, goda keessaa bayiitii gaara gubbaa na dura dhaabbadhu!» jedhe. Achiin duuba qilleensi jabaan hunnaamessi Mootii Waan Maraa duratti gaara dhodhoosee, rassaa butuche; Mootiin Waan Maraa ammoo qilleensa san keessa hin jiruuyyu; qilleensaan duuba latti tachoote; Mootiin Waan Maraa ammoo tacho'a lafaa san keessa hin jiruuyyu.
1KI 19:12 Tacho'a lafaatiin duuba ibiddi dhufe; Mootiin Waan Maraa ammoo ibidda san keessa hin jiruuyyu. Ibiddaan duuba qoonqoon akka hasaassa'aa dhage'ante.
1KI 19:13 Eliyaas qoonqoo akka hasaassa'aa yennaa dhage'e, woyaa fuula ifiititti hagooggatee, bayee afaan godaa dura dhaabbate. Achiin duuba qoonqoon takka, «Eliyaas! Maan asii hujja?» jetteen.
1KI 19:14 Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe.
1KI 19:15 Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Karuma dhutte deebi'iitii, gara goomolee Damaasqo'oo deemi; yennaa achi geette Sooriyaa irratti mootii akka te'u Hazaa'el muudi.
1KI 19:16 Israa'el irratti mootii akka te'u, ilma Niimshaayii Yehuu muudi. Addee teetitti raagicha akka te'u, nama biyya Abeel Mehola'aa ilma Shaafaaxii Elsaa'i muudi.
1KI 19:17 Nama shallaagaa Hazaa'elii jalaa miliqe mara, Yehuun hin ijjeesa; nama shallaagaa Yehu'uu jalaa miliqe mara, Elsaa'i hin ijjeesa.
1KI 19:18 Te'uu malee ani worra jilbiiffatanee Ba'aaliif hin sagadin, afaan ifiitille'een ka fakkii Ba'aalii hin sunqatin, namoota kuma torba Israa'elii keessatti hin hambura» jedhe.
1KI 19:19 Maarre Eliyaas achii ka'ee yennaa deemu, ilmi Shaafaaxii Elsaa'i qotiyyoo ximmaadii kudhanii tokkoon qochisiisaa, ifiif ammoo ximmaadii kudhanii lammeesso'ootiin qotiisatti jiruun dhagge. Eliyaas isa bira yennaa geye, woyaa ifii darbatee Elsaa'i irra buuse.
1KI 19:20 Achiin duuba Elsaa'i qotiyyoo lakkisee, gara Eliyaasii rukkisee, «Abbaa kiyyaa fi haadha tiyya sunqadhee, nageya itti dhaamee deebi'ee akka si hordofu naa eeyyam» jedhe. Eliyaas deebisee, «Tole; ani si hin dhooggu deemi» jedhe.
1KI 19:21 Maarre Elsaa'i isa biraa deebi'ee deemee qotiyyoo lama qale; inni meya qotiyyo'oo ka ittiin qotu san bobeessee, foon san iffeelee kolba'aaf kenne; isaanille nyaatane. Achiin duuba Elsaa'i ka'ee, Eliyaas hordofee qarqaaraa isaa te'e.
1KI 20:1 Mootiin Sooriya'aa Ben-Hadaad loltoota ifii mara wolitti qabate; inni mootota soddomii lama fardoo isaaniitii fi garreettaa isaanii ka fardaan harkifamu woliin ol bayee, qachaa Samaariya'aa marsee lole.
1KI 20:2 Inni gara qacha'aa namoota ergee, mootii Israa'elii Ahaabiin, «Mootichi Ben-Hadaad,
1KI 20:3 ‹Meetiin teetii fi worqiin teeti, niitotii fi ijoolleen teeti shashaggooleen tiyya jedha› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.
1KI 20:4 Mootichi Israa'elii deebisee, «Ee, goottaa kiyya mooticha! Akkuma ati jette anii fi wonni ani qabu marti teeti» jedhe.
1KI 20:5 Worri ergame sun gara Ahaabii deebi'ee dhufee, «Mootichi Ben-Hadaad, ‹Ani meeti'ii fi worqii teeti, niitotaa fi ijoollee teeti akka naaf kennitu sitti ergeeraayyu.
1KI 20:6 Te'uu malee boru yennaa tanatti, mana mootumma'aa keetii fi mana qondaaltota teetii keessa barbaadanee, waan isaanitti tolu mara akka fidanu tajaajiltoota tiyya hin erga› jedha» jedhanee itti himane.
1KI 20:7 Mootiin Israa'elii Ahaab jaarsolee lafa sanii mara waamee, «Nami kun niitotaa fi ijoollee tiyya, meeti'ii fi worqii tiyya fudhatiisaaf namoota natti erginaan anille hin didanne; inni attam akka rakkinna fidiisaaf barbaadaaru dhagga'a» jedhe.
1KI 20:8 Jaarsole'ee fi kolbaan marti deebisanee, «Waan inni siin jedhu hin dhage'in yookiin isaaf hin eeyyamin» jedhaneen.
1KI 20:9 Maarre mootichi Ahaab namoota Ben-Hadaad biraa ergamanee dhufaneen, «Goottaa kiyya mootichaan, ‹Ani tajaajilaan keeti waan ati qara na gaafatte mara hin muummessa; gaaffii teeti ta lammeesso'oo tana ammoo hin muummessu jedheera› jedha'aatii hima'a» jedhe. Namooti ergamanelle deebi'anee deebii Ahaab kenne Ben-Hadaaditti himane.
1KI 20:10 Ben-Hadadille, «Biyyeen Samaariya'aa namoota na woliin jiranu ooboo tokko tokkolle'een yoo geette, waaqoti na ijjeesanuu ti» jedhe.
1KI 20:11 Mootichi Israa'elii Ahaabii deebisee, «Mooticha Ben-Haadaadiin, ‹Loltuun dhuga'aa lolee galee ifi jaja malee, adoo lola dhaqiisatti jiruu ifi hin jaju› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.
1KI 20:12 Mootichi Ben-Hadaad, mootota dhibii woliin dunkaanii keessa tee'ee uniisatti adoo jiruu, ergaa Ahaab erge dhage'e; inni namoota ifii qachaa loliisaaf akka qopheeffatanu ajaje; isaanille loliisaaf qopheeffatane.
1KI 20:13 Yennuma san raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Loltoota Ben-Hadaadii bindillaa tana dhaggitaa? Kunoo, ani adha harka keetitti dabarsee isaan hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedhe.
1KI 20:14 Mootichi Ahaab, «Eentu isaan injifata ree?» jedhee gaafate. Raagichi deebisee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Qondaaltoti dargaggooti ajjajooti kutaa biyyaa isaan hin injifatan› jedha» jedheen. Mootichi Ahaabille, «Eentu lola kana jalqaba ree?» jedhee gaafate. Raagichi deebisee, «Sittuu jalqaba» jedheen.
1KI 20:15 Maarre mootichi Ahaab qondaaltota dargaggoota ajajjoota kutaa biyyaa dhibba lamaa fi soddomii lama waame; achiin duuba loltoota Israa'elii kuma torba wolitti qabe.
1KI 20:16 Mootichi Ben-Hadaadii fi mootota soddomii lama worra isa woliin jiru woliin dunkaanii ifii keessatti unanee machowanee adoo jiranuu, saatii jaatti loltooti Israa'elii lolaaf bayane.
1KI 20:17 Qondaaltoti dargaggooti ajajjooti kutaa biyyaa sun dursitee baate; namooti Ben-Hadaad akka dooyanuuf erge, «Loltooti Samaariya'aa bayanee dhufiisatti jiran» jedhanee himane.
1KI 20:18 Ben-Hadaadille, «Dhufiis isaanii nageyaaf yookiin lolaaf yoo te'elle, lubbu'uun adoo jiranuu qaba'aa fida'a» jedhee ajaje.
1KI 20:19 Qondaaltoti dargaggooti ajajjooti kutaa biyyaa sun, loltoota Israa'elii sooressanee lolaaf bayanee,
1KI 20:20 tokko tokkoon isaaniituu diinaa isaanitti dhufe ijjeesane; worri Sooriya'aa baqate; Israa'elootille isaan ari'uu jalqabane; Ben-Hadaad ammoo farda ifii irraa tee'ee, abbootii fardo'oo gamisa woliin dheetee baye.
1KI 20:21 Mootichi Ahaab duulee fardo'oo fi garreettaa fardaan harkifamu booji'ee worra Sooriya'aa akka malee fixe.
1KI 20:22 Achiin duuba raagichi gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootichi Sooriya'aa furmaata dhufu deebi'ee waan si loluuf, loltoota teeti jabeeffadhu; maan akka godhuu qaddulle beeki» jedhe.
1KI 20:23 Yennuma san qondaaltoti mooticha Sooriya'aa, isatti gorsanee, «Waaqoti Israa'elii waaqota koobotaa ti; Israa'elooti tanaaf nu injifatan; lafa dirre'etti adoo isaan lollee ammoo hin injifanna.
1KI 20:24 Amma akkana godhi: mootota tana mara baallii isaanii irraa kaasiitii, qondaaltota loltootaa addee isaaniititti muudi.
1KI 20:25 Loltoota, fardo'oo fi garreettota fardaan harkifamanu haga tanaan qara si duraa dhumatanee bacatanu qopheessi; achiin duuba Israa'eloota dirre'etti lollee hin injifanna» jedhe. Inni isaaniin wolii galee, akkuma isaan jedhane godhe.
1KI 20:26 Tanaaf, furmaata itti aanu Ben-hadaad loltoota ifii wolitti qabatee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Afeqii dhaqe.
1KI 20:27 Israa'elootille isaanitti duuliisaaf galaa fudhatanee, wolitti qabamanee bayanee, fuullee isaaniititti addee qabatane; loltooti Israa'elii loltoota Sooriya'aa ta biyya keessa guutteertu biratti, akka re'ee karra didiqqoo lamaa ti.
1KI 20:28 Raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Sooriya'aa: Mootiin Waan Maraa waaqa koobotaa ti malee, waaqa dhooqotaatii moti waan naan jedhaneef ani loltoota isaanii bindillaa harka keetitti dabarsee hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedheen.
1KI 20:29 Worri Sooriya'aatii fi Israa'elootaa fuula wolitti galanee qubatanee haga guyyaa torbaa turane; guyyaa torbeesso'oo lola jalqabane; guyyaa tokkotti Israa'elooti loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma dhibba tokko fixane.
1KI 20:30 Worri hafe gara qachaa Afeqii baqate; achitti dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa isaan irratti jigee, namoota kuma diddamii torba fixe. Ben-Hadaad gara qacha'aa baqatee, kolloo mana tokkoo ta gara keessaa keessatti dhokate.
1KI 20:31 Qondaaltoti isaa gara isaa dhaqanee, «Moototi Israa'elii worra nama mararu akka te'ane dhageenneerra. Tanaaf woyaa gaddaa hidha keennatti, wodaroo mataa keennatti marannee, gara mootii Israa'elii dhandhuu ti; inni si hin ijjeesu fa'a ta'a» jedhane.
1KI 20:32 Maarre isaan woyaa gaddaa hidha ifiititti, wodaroo mataa ifiititti maratanee, gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhaqanee, «Tajaajilaan keeti Ben-hadaad, ‹Maganne'ee na hin ijjeesin› siin jedha» jedhane. Mootichille deebisee, «Inni haga ammaa hin jiraa? Yoona inni obboleessa kiyya» jedhe.
1KI 20:33 Qondaaltoti Ben-hadaadii, Ahaab irraa beessisa mararti'ii eegatiisatti waan jiranuuf, yennuma san, «Eeti'i; Ben-hadaad obboleessuma keeti!» jedhane. Achiin duuba mootichi Ahaab, «Dhaqa'aatii Ben-hadaad fida'a» jedhee isaan ajaje; yennaa Ben-hadaad bayee gara mootichaa dhufe, mootichi garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra teessise.
1KI 20:34 Ben-hadaad, Ahaabiin, «Qachoota abbaan kiyya abbaa keeti irraa fudhate, ani si'iif hin deebisa; akkuma abbaan kiyya qachaa Samaariya'aa keessatti godhe, atille qachaa Damaasqo'oo keessatti addee dikko'oo hin qabaatta» jedhe. Ahaab deebisee, «Yoona wol gondoorree gad si hin lakkisa» jedheen; maarre inni isa woliin wol gondooranee gad isa lakkise.
1KI 20:35 Raagota keessaa tokko ajaja Mootii Waan Maraatiin raagicha akka ifiitiin, «Na dhowi» jedhe; inni ammoo dide.
1KI 20:36 Tanaaf raagichi sun, «Waan ati Mootii Waan Maraatiif hin ajajaminiif, akkuma na biraa deenteen neenqi si hin ijjeesa» jedheen; akkuma namichi raagicha biraa deemeen neenqi itti dhufee isa ijjeese.
1KI 20:37 Achiin duuba raagichi gara nama dhibi'ii dhaqee, «Maganne'e, na dhowi» jedheen; nami sunille isa dhowee madeesse.
1KI 20:38 Achiin duuba raagichi sun eennummaa ifii dhoffatiisaaf, haga ilaatitti hagooggatee, irga kara'aa dhaabbattee, mooticha Israa'elii Ahaab eege.
1KI 20:39 Mootichi achiin dabariisatti adoo jiruu raagichi isa waamee, «Ani tajaajilaan keeti lola hamaa keessa adoo jiruu, nami tokko, nama booji'ame tokko gara kiyya fidee, ‹Namicha kana eegi! Yoo inni si harkaa miliqe, addee isaa ati hin ijjeefanta yookiin meetii kiiloogiraamii soddomii afur hin kaffalta› anaan jedhe.
1KI 20:40 Ani tajaajilaan keeti huji'iin adoo asii fi achi fajjifameeru namichi miliqe» jedhe. Mootichille, «Waan sitti muramu atinuu dubbatteerta; akkasuma sitti hin murama» jedheen.
1KI 20:41 Achiin duuba raagichi woyaa hagooggateeru ila ifii irraa ariifatee fudhate; mootichille akka inni raagota keessaa tokko te'e beeke.
1KI 20:42 Raagichi sun mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Nama ani ijjeefamuu ti jedhe, waan gad lakkitteef, addee isaa ati hin ijjeefanta; addee kolbaa isaa kolbaan teeti hin ijjeefanti› jedha» jedhe.
1KI 20:43 Mootichi Israa'elii sun aaree bilinjaayee gara mana mootummaa ifii ka qachaa Samaariya'aa keessaa dhaqe.
1KI 21:1 Wonni kun teeteen duuba, wonni itti aanee te'e kana: Nami Naaboti jedhamu tokko jiraayyu; inni Yizre'el keessatti mana mootumma'aa ka Ahaabii biraa oorruu muka woyni'ii takka qabaayyu.
1KI 21:2 Gaafa tokko mootichi Ahaab Naabotiin, «Oorruun teeti ta muka woyni'ii mana mootumma'aa kiyyatti waan dhikaattuuf, biqiltuu adda addaa akka itti dhaabadhu naaf kenni! Addee isi'ii buusee oorruu isii caalu sii kenna yookiin, gurguratiisa yoo barbaadde waan isiin baachu siif hin kaffala» jedhe.
1KI 21:3 Naaboti ammoo deebisee, «Oorruu abbootii tiyya ta durii irraa dhaale tana sii kenniisa irraa Mootiin Waan Mara na oolchuu ti» jedhe.
1KI 21:4 Nama qachaa Yizre'elii, Naaboti, «Oorruu abbootii tiyya irraa dhaale siif hin kennu» waan jedheef, Ahaab aaree bilinjaayee, gara mana ifii gale; fuula ifiille gara dhaaba manaa deebifatee taqee irra irkate; sagaleelle nyaatiisa dide.
1KI 21:5 Haati manaa isaa Iizaabel gara isaa ol seentee, «Ati maaf akkas bilinjoottee, sagalee nyaatiisa didde?» jettee isa gaafatte.
1KI 21:6 Ahaabille deebisee, ani, «Nama qachaa Yizre'elii Naabotiin, ‹Oorruu teeti ta muka woyni'ii natti gurgur, yookiin yoo barbaadde oorruu dhibii si'iif hin kenna› jedhee gaafannaan, inni ammoo, ‹Ani oorruu tiyya ta woyni'ii siif hin kennu› waan naan jedheef aare» jedheen.
1KI 21:7 Haati manaa isaa Iizaabel deebittee, «Ati mootii Israa'elii teetee, akkas teetaa? Ani oorruu muka woyni'ii ta Naabotii nama qachaa Yizre'elii akka ati fudhattu hin godha; ka'iitii midhaan nyaadhuu gammadi!» jetteen.
1KI 21:8 Achiin duuba isiin maqaa Ahaabiitiin xalayaa barreessitee, chaappaa isaa itti dhoottee gara jaarsole'ee fi qondaaltota qachaa Naabotii keessa isa woliin le'anuu ergite.
1KI 21:9 Xalayaan isiin barreessite sun, «Laama guyyaa tokkoo lassa'a. Kolbaa wolitti qaba'aatii, odduu isaaniititti Naaboti addee ulfinnaa teessisa'a;
1KI 21:10 dhugaa baatota dharaa lama, ‹Ka Waaqaa fi mootii arrasseera› jedhanee dhugaa isa irratti bayanu isa dura dhaabbachiisa'a. Achiin duuba Naaboti qachaa keessaa baasa'aatii dhaka'aan tuma'aa ijjeesa'a» ka jedhu.
1KI 21:11 Maarre namooti qachaa Naabotii keessaa, jaarsole'ee fi qondaaltoti achi le'anu, akkuma Iizaabel xalayaa keessatti ajajje godhane.
1KI 21:12 Isaan laama guyyaa tokkoo lassane; kolbaa wolitti qabanee, odduu isaaniititti Naaboti addee ulfinnaa teessisane.
1KI 21:13 Achiin duuba dhugaa baatoti dharaa lama dhuttee isa dura teettee, «Naaboti Waaqaa fi mooticha arrasseera» jettee kolbaa duratti dhugaa isa irratti baate; maarre isaan qachaa keessaa isa baasanee, dhaka'aan tumanee ijjeesane.
1KI 21:14 Achiin duuba isaan, «Naaboti dhaka'aan tumamee du'eera» jedhanee gara Iizaabelii ergane.
1KI 21:15 Iizaabel akka Naaboti dhaka'aan tumanee du'e akkuma dhageetteen, Ahaabiin, «Naaboti du'eera; amma dhaqiitii oorruu muka woyni'ii ta Naabotii nama qachaa Yizre'elii ka inni siif gurguruu dide san fudhadhu» jetteen.
1KI 21:16 Ahaab nami qachaa Yizre'elii Naaboti akka du'e yennaa dhage'e, yoosuma oorruu muka woyni'ii ta isaa fudhatiisaaf dhaqe.
1KI 21:17 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii Tishbeetichaa dhufee,
1KI 21:18 «Gara Ahaabii mooticha Samaariya'aa dhaqi; inni oorruu muka woyni'ii ta Naabotii ta fudhatiisaaf dhaqe san keessa jira;
1KI 21:19 Ahaabiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ati Naaboti ijjeetteerta; karra isaalle fudhatiisaaf teetaa? Sareen dhiiga Naabotii addee arraaddetti dhiiga keetille hin arraaddi jedha› jedhiitii itti himi» jedhe.
1KI 21:20 Ahaab Eliyaas dhaggee, «Diina kiyya, na dhaggiteerta!» jedheen. Eliyaasille, deebisee, «Ee, si dhaggeera; Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu godhiisaaf ifi gurgurteerta;
1KI 21:21 tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ani badii sitti hin fida; Israa'el keessaa sanyii teeti hin balleessa; si'ii fi dhiira maatii teeti keessaa mara garbicha yookiin garbicha ka hin te'inille hin fixa.
1KI 21:22 Ati tutuxxee waan na aarsiteef, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju waan gooteef, ani maatii teeti akka maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatiitii fi akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiyaa hin godha› siin jedha.
1KI 21:23 Marroo Iizaabeliille, Mootiin Waan Maraa, ‹Dalleya dhaka'aa ka qachaa Yizre'elii keessatti sareen reeffa isi'ii hin nyaatti.
1KI 21:24 Worra Ahaabii keessaa nama qachaa keessatti du'u sareen hin nyaatti; nama qacha'aan alatti du'u allaattiin hin nyaatti› jedha» jedhe.
1KI 21:25 Akka Ahaab haadha manaa ifii Iilzaabeliin tirtiffamee, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee ifi gurgure, nami akka isaa ijjumaa hin jiru.
1KI 21:26 Akkuma worra Amoorotaa, ka Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baasee, Ahaabille waaqota dharaa waaqonsiisaan waan battii huje.
1KI 21:27 Ahaab dubbii tana yennaa dhage'e, woyaa ifii tarsaasee, woyaa gaddaa uffatee laame. Inni woyaa gaddaa uffatee rafa; yennaa deemulle guddoo gaddee mataa buusee deema.
1KI 21:28 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii Tishbeetichaa dhufee,
1KI 21:29 «Ahaab na duratti attam akka ifi gad qabe dhaggiteertaa? Inni na duratti waan ifi gad qabeef, ‹Ani balaa isatti hin fida› jedhe san, bara isaa keessatti isatti hin fidu; bara ilma isaa keessatti ammoo maatii isaa irratti hin fida» jedhe.
1KI 22:1 Sooriya'aa fi Israa'el wodhakkaa woggaa sadiif lolli hin jiruuyyu;
1KI 22:2 woggaa sadeesso'ootitti ammoo mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax mootii Israa'elii Ahaab ilaaliisaaf dhaqe.
1KI 22:3 Mootiin Israa'elii Ahaab qondaaltota ifiitiin, «Raamoot-Giili'aad teenna adoo teeteertuu, harka mootii Sooriya'aatii deebifatiisaaf, nuuti waan tokkolle akka hin godhin hin beettanii motii?» jedhe.
1KI 22:4 Maarre Ahaab Yoshaafaaxiin, «Raamoot-Giili'aad loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate; Yoshaafaax deebisee, «Ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti» jedhe.
1KI 22:5 Yoshaafaax ammalle, mootii Israa'elii Ahaabiin, «Dursiitii fedha Mootii Waan Maraa gaafadhu» jedhe.
1KI 22:6 Tanaaf Ahaab raagota gara nama dhibba afurii wolitti qabee, «Raamoot-Giili'aaditti hin duula moo hin lakkisa?» jedhee isaan gaafate. Isaanille, «Dhaqiitii loli; Goottaalle harka keetitti dabarsee isaan hin kenna» jedhanee deebisane.
1KI 22:7 Yoshaafaax ammoo, «Raagichi Mootii Waan Maraa ka nuuti gaafannu ka dhibiin as hin jiruu?» jedhee gaafate.
1KI 22:8 Ahaabille, «Raagichi dhibiin ka karaa isaatiin fedha Mootii Waan Maraa nuuti gaafannu, ilmi Imla'aa Miikiyaas hin jira; ammoo inni yennaa mara hantuu malee, waan dansaa ijjumaa naaf raagee waan hin beenneef, ani isa hin jibba» jedhee deebise. Yoshaafaax deebisee, «Mooticha, ati akkas dubbatiisaaf hin malle» jedhe.
1KI 22:9 Achiin duuba Ahaab qondaaltota mana mootumma'aa keessaa tokko waamee, «Dhaqiitii, ilma Imla'aa Miikiyaas dafii fidi» jedhe ajaje.
1KI 22:10 Yennaa kana mootichi Israa'elii Ahaab fi mootichi Yihuda'aa Yoshaafaax woyaa mootumma'aa ifii uffatanee, seensuma karra qachaa Samaariya'a dura eeddummee keessa raagota mootota duratti raaga dubbatiisatti jirtu woliin tee'aneeraniiyyu.
1KI 22:11 Raagota san keessaa ilmi Kine'aanaa Zedeqiiyaan gaafota sibiila irraa hujee Ahaabiin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Gaafota kanaan haga isaan badanutti worra Sooriya'aa hin woraanta› jedha» jedhe.
1KI 22:12 Raagoti martinuu akkasuma, «Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee waan isaan kennuuf, hin injifattaa, dhaqiitii, Raamoot-Giili'aad loli» jette.
1KI 22:13 Namichi Miikiyaas waamiisaaf ergamee dhaqe, Miikiyaasiin, «Kunoo, raagoti martinuu mootichi Ahaab akka injifatu raagiisatti jiran; atille akkuma isaanii waan dansaa raagiif» jedhe.
1KI 22:14 Miikiyaas ammoo, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ani waan Mootiin Waan Maraa natti dubbate qofa isatti hima» jedheen.
1KI 22:15 Miikiyaas yennaa gara Ahaabii mootichaa dhufe, mootichi, «Miikiyaas! Mootichi Yoshaafaaxii fi ani Raamoot-Giili'aaditti hin duulla moo hin lakkinna?» jedhee gaafate. Miikiyaasille, «Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee waan kennuuf, hin injifattaa, itti duuli» jedheen.
1KI 22:16 Ahaab ammoo, «Waan dhugaa te'e malee, waan dhibii maqaa Mootii Waan Maraatiin akka ati natti hin hinne, yennaa meeqa si kakachiisa?» jedheen.
1KI 22:17 Achiin duuba Miikiyaas, «Loltooti Israa'elii marti akka hoolee tissee hin qannee, kooba irratti bittinnowaneeranuun dhagge. Mootiin Waan Maraa, ‹Namooti kun sooressa hin qabanu; tanaaf tokko tokkoon isaanii nageyaan gara mana ifii deebi'anuu ti› jedheera» jedhee deebise.
1KI 22:18 Mootichi Israa'elii Ahaab Yoshaafaaxiin, «Inni marroo tiyyaaf hantuu malee, waan dansaa ijjumaa akka raaga hin dubbanne ani sitti hin hinnee?» jedheen.
1KI 22:19 Miikiyaas itti dabalee, «Tanaaf waan Mootiin Waan Maraa jedhu dhage'i! Mootiin Waan Maraa barcumaa mootummaa ifii ka ol-gubba'a irra tee'ee, ergantooti isaa martinuu middaa fi bitaa isaa dhaabbataneeranuun dhagge.
1KI 22:20 Mootiin Waan Maraa, ‹Ahaab gara Raamoot-Giili'aadii dhaqee achitti akka ijjeefamu eentu isa dokonkorsuu dande'a?› jedhe. Ergantoota Mootii Waan Maraa keessaa tokko waan tokko, kuun waan dhibii dubbate;
1KI 22:21 dhuma irratti, ayyaanni tokko dhufee Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, ‹Ani isa hin dokonkorsa› jedhe.
1KI 22:22 Mootiin Waan Maraalle, ‹Attam gootee dokonkorsita?› jedhe gaafate. Ayyaanni sun deebisee, ‹Ani dhaqee afaan raagota Ahaabii mara keessatti ayyaana soba dubbachiisu hin te'a› jedhe. Mootiin Waan Maraa, ‹Dhaqiitii dokonkorsi; si'iif hin milkootti› jedhe.
1KI 22:23 Tanaaf Mootiin Waan Maraa ayyaana sobaa afaan raagota teetii keessa keyee, badiille akka sitti dhuttu murteesse» jedhee dubbii ifii buufate.
1KI 22:24 Achiin duuba Zedeqiiyaan ilmi Kine'aanaa gara Miikiyaasii dhaqee, isa kabalee, «Karaa kamiin ayyaanni Mootii Waan Maraa ana irra dabaree sitti dubbatte?» jedhee gaafate.
1KI 22:25 Miikiyaas deebisee, «Gaafa dhokatiisaaf kolloo gara keessaa seente hin dhaggita» jedhe.
1KI 22:26 Achiin duuba mootichi Ahaab qondaaltota ifii keessaa tokko ajajee, «Miikiyaas qabiitii gara Amoonii bulchaa qacha'aatii fi gara Yo'aasii ilma mootichaa geessi!
1KI 22:27 Isaan isa hidhanee, haga ani nageyaan deebi'utti daabbo'oo fi bisaan malee waan tokkolle akka itti hin kennine itti himi» jedhe.
1KI 22:28 Miikiyaas deebisee, «Ati nageyaan yoo deebite Mootiin Waan Maraa karaa kiyyaan hin dubbanne jechu'u! Isin kolbaan marti dubbii tiyya tana qalbeeffadha'a!» jedhe.
1KI 22:29 Maarre mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax qachaa gara Raamoot-Giili'aadii dhaqane.
1KI 22:30 Mootiin Israa'elii Ahaab Yoshaafaaxiin, «Eennulle akka na hin beenneef, woyaa dhibii uffadhee duula hin dhaqa; ati ammoo woyaa teeti ta mootumma'aa uffadhu» jedheen. Tanaaf mootichi Israa'elii Ahaab eennulle akka isa hin beenneef woyaa dhibii uffatee duule.
1KI 22:31 Mootiin Sooriya'aa ammoo ajajjoota loltoota ifii ta garreettaa fardaan harkifamuu soddomii lama ajajee, «Mooticha Israa'elii malee, diqqa'aa fi guddaa tokkolle hin lolina'a» jedhe.
1KI 22:32 Isaan mooticha Yoshaafaax yennaa dhaggane, «Dhugumaa kun mooticha Israa'elii ti» jedhanee isa loliisaaf gara itti galane. Yoshaafaax yennaa iyye ammoo,
1KI 22:33 ajajjooti loltoota garreettaa fardaan harkifamuu akka inni mooticha Israa'elii hin te'in yennaa dhaggane, isa ari'iisa lakkisane.
1KI 22:34 Isaan keessaa namichi tokko guubee ifii duuchi-balleessii darbatee, wodhakkaa uffanni sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru lamaan wol qabateeruun isa woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba garagalfadhuutii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje.
1KI 22:35 Gaafa san lolli o'ee, mootichi Ahaab gara worra Sooriya'aa fuula galee garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessa itti irkatee dhaabbate; dhiigi madaa isaa irraa garreettaa keessatti gad lola'ee, inni galgaluma san du'e.
1KI 22:36 Aduun seeniisatti jirtuun, «Nami martinuu gara biyya biyya ifii, gara qachaa qachaa ifii deebi'ee deemuu ti!» ajaji jedhu quttuma loltoota Israa'elii keessatti dhage'ame.
1KI 22:37 Maarre mootichi Ahaab du'ee, reeffa isaa gara qachaa Samaariya'aa fidanee awwaalane.
1KI 22:38 Garreettaa isaa ka fardaan harkifamulle baleessa Samaariya'aa ka sagaagaltooti itti dhiqatutti dhiqanee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate dhiiga isaa sareen arraadde.
1KI 22:39 Wonni dhibiin ta mootichi Ahaab bara mootummaa ifii godhe, wonni inni huje marti, manni isaa ka mootumma'aa ka inni ilka arbaatiin seesee ijaaree fi qachooti inni ijaare marti kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
1KI 22:40 Maarre mootichi Ahaab du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Ahaaziyaan mootii te'e.
1KI 22:41 Ahaab mootii Israa'elii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Aasa'aa Yoshaafaax mootii Yihuda'aa te'e.
1KI 22:42 Yoshaafaax yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Azuba'a; isiin intala Shilhii ti.
1KI 22:43 Yoshaafaax akkuma abbaa ifii Aasa'aa huje malee, karaa isaa irraa hin gorre; te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa ciincessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.
1KI 22:44 Yoshaafaax mootii Israa'elii wolille'een nageyaan le'e.
1KI 22:45 Wonni dhibiin ta mootichi Yoshaafaax bara mootummaa ifii huje, milkayiis isaa ta lolaa kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
1KI 22:46 Inni kolloo galma waaqota dharaa keessaa ta dhiirti keessatti wol bukkoonsitu, ta bara bulchiinsa abbaa isaa Aasa'aatuu jirtu lafa san keessaa balleesse.
1KI 22:47 Bara san biyyi Edoomii mootii hin qaddu; nama mootiin Yihuda'aa addee ifii buusetti bulchaayyu.
1KI 22:48 Mootichi Yoshaafaax biyya Ofiiriitii worqii akka fidanuuf hoboloota gugurdoo daldalaa ta akka hoboloota Tarshiishii huje; hobolooti sun ammoo Eziyon-Geberitti waan caccabaneef dhaquu hin dandeenne.
1KI 22:49 Achiin duuba mootiin Israa'elii, ilmi Ahaabii Ahaaziyaan, Yoshaafaaxiin «Namooti kiyya namoota keeti woliin hoboloo gudditti'iin deemanuu ti» jedhe; Yoshaafaax ammoo didate.
1KI 22:50 Mootichi Yoshaafaax du'ee, qachaa Daawitii addee abbootiin isaa ta durii awwaalamanetti awwaalame; ilmi isaa Yohoraam addee isaatitti mootii te'e.
1KI 22:51 Mootichi Yihuda'aa Yoshaafaax mootii te'ee woggaa kudhanii torbeesso'ootitti, ilmi Ahaabii Ahaaziyaan mootii Israa'elii te'e; inni Samaariyaa keessa tee'ee woggaa lama Israa'el bulche.
1KI 22:52 Inni hujii abbaa ifiitii fi haadha ifii, hujii Yerobi'aamii ilma Nebaatii ka Israa'elooti akka cubbuu hujju godheelle, gula waan deemeef, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
1KI 22:53 Inni akkuma abbaa ifii, waaqa dharaa Ba'aal tajaajilee waaqonfatiisaan, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii tuttuqee aarse.
2KI 1:1 Mootichi Israa'elii Ahaab du'een duuba biyyi Mo'aabii Israa'el mormitee finqilte.
2KI 1:2 Yennaa san mootichi Israa'elii Ahaaziyaan, Samaariyaa keessatti kolloo mana mootummaa ifii ta gubba'aa irraa bu'ee miidhamee irkateeraayyu; maarre inni, «Ani dhibee tana irraa ka fayyu yoo te'e, Ba'aal Zebub waaqa qachaa Eqroonii Filisxeemotaa dhaqa'aatii naaf gaafadha'a!» jedhee namoota erge.
2KI 1:3 Ergamaan Waaqaa ammoo, Eliyaasii Tishbeetichaan, «Ka'iitii namoota mootichi Samaariya'aa erge dhaggiisaaf ol bayiitii, ‹Waaqi Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf dhaxxanii?› jedhii gaafadhu.
2KI 1:4 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ee Ahaaziyaa, ati dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› jedha» jedhe. Achiin duuba Eliyaas deeme.
2KI 1:5 Namooti ergamane sun gara mootichaa yennaa deebi'ane, mootichi, «Maaf deebitanee dhuttane?» jedhee isaan gaafate.
2KI 1:6 Isaanille, «Nami tokko karaa irratti nu dhaggee, gara mooticha isin ergee deebi'a'aatii, Mootiin Waan Maraa, ‹Waaqi Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf, namoota ergitaa? Tanaaf dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› jedheera» jedhanee deebisane.
2KI 1:7 Mootichille, «Nami karaa irratti isin dhaggitanee, tana isinitti dubbate nama attam jiru?» jedhee isaan gaafate.
2KI 1:8 Isaanille, «Namicha dabbasicha, hidha ifii teephaan hidhateeru» jedhanee deebisane. Mootichille, «Inniin sun, Eliyaasii Tishbeeticha!» jedhe.
2KI 1:9 Achiin duuba mootichi ajajaa shantamaa, loltoota shantama isaa woliin gara Eliyaasii erge; ajajaan shantamaa sun gara Eliyaasii qaccee koobaa irra tee'eeruu dhaqee, «Nama Waaqaa, mootichi, ‹Koy, gad bu'i› si'iin jedha» jedheen.
2KI 1:10 Eliyaasille, ajajaa shantamaa saniin, «Ani nama Waaqaa yoo te'e, ibiddi ol gubbaa irraa bu'ee, si'ii fi loltoota teeti shantama muxuqi godhuu ti!» jedheen; yoosuma ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee, ajajaa shantamaatii fi loltoota isaa shantama san muxuqi godhe.
2KI 1:11 Mootichi ammalle ajajaa shantamaa dhibii loltoota isaa shantama woliin erge; ajajaan shantamaa sun gara Eliyaasii dhaqee, «Nama Waaqaa! Mootichi, ‹Ammuma koy, gad bu'i› si'iin jedha» jedheen.
2KI 1:12 Eliyaasille deebisee, «Ani nama Waaqaa yoo te'e, ibiddi ol gubbaa irraa bu'ee, si'ii fi loltoota teeti shantama muxuqi godhuu ti!» jedheen; yoosuma ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee, ajajaa shantamaatii fi loltoota isaa shantama san muxuqi godhe.
2KI 1:13 Mootichi ammalle ajajaa shantamaa ka sadeesso'oo loltoota isaa shantama woliin erge; ajajaan shantamaa ka sadeesso'oo kun gara Eliyaasii ol bayee, isa duratti jilbiiffatee, «Nama Waaqaa! Maganne'ee, jiruu tiyyaa fi jiruu tajaajiltoota teeti shantama tanaa marari!
2KI 1:14 Kunoo, ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee ajajjoota shantamaa lamaa fi loltoota isaanii mara muxuqi godheera; amma ammoo jiruu tiyyaaf marari!» jedhee kadhate.
2KI 1:15 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa Eliyaasiin, «Isa woliin gad bu'i; isa hin sodaatin» jedhe. Tanaaf, Eliyaas ka'ee ajajaa shantamaa san woliin gara mootichaa gad dhaqee,
2KI 1:16 mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waaqi isin gaafattanu Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf, namoota ergitee? Tanaaf dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› si'iin jedha» jedheen.
2KI 1:17 Maarre akkuma jecha Mootiin Waan Maraa karaa Eliyaasiitiin dubbate, mootichi Ahaaziyaan du'e; Ahaaziyaan ilma waan hin qanneef, obboleessi isaa Yehoraam addee isaatitti mootii te'e. Tunille ilmi Yoshaafaaxii Yehoraam Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti teete.
2KI 1:18 Wonni dhibiin ta mootichi Ahaaziyaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 2:1 Yennaan Mootiin Waan Maraa Eliyaas hobonbolatti'iin gara ol-gubba'aa fudhatu geette; Eliyaasii fi Elsaa'i Giilgalii ka'anee,
2KI 2:2 adoo ideensa irra jiranuu, Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Bet'elii waan na ergeef, ati asuma turi!» jedhe. Elsaa'i ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu» jedheen. Maarre isaan gara Bet'elii gad dhaqane.
2KI 2:3 Raagoti Bet'el keessa jiranu, gara Elsaa'ii dhufanee, «Mootiin Waan Maraa, adha goottaa keeti si duraa akka fudhataaru beettaa?» jedhanee gaafatane. Elsaa'i deebisee, «Eeti'i hin beeka; isin ammoo, marroo waan kanaa hin dubbatina'a» jedhe.
2KI 2:4 Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Yeriko'oo waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe. Elsaa'ille deebisee «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedhe. Maarre isaan gara Yeriko'oo dhaqane.
2KI 2:5 Raagoti Yerikoo keessa jiranu, gara Elsaa'ii dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, adha goottaa keeti si duraa akka fudhataaru beettaa?» jedhanee gaafatane. Elsaa'i deebisee «Eeti'i hin beeka; isin ammoo, marroo waan kanaa hin dubbatina'a!» jedheen.
2KI 2:6 Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara laga Yordaanosii waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe. Elsaa'i ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedheen. Maarre isaan lamaanuu itti fufanee woliin ideemane.
2KI 2:7 Raagota keessalle'ee namooti shantam dhaqanee, addee Eliyaasii fi Elsaa'i dhaabbataneeranu irraa fagaatanee, fuullee laga Yordaanosii dhaabbatane.
2KI 2:8 Achiin duuba Eliyaas geellaa ifii fuudhee, dachaasee ittiin bisaan dhowe; bisaan sun gargar citee, lafa godduu irra ideemanee gamatti bu'ane.
2KI 2:9 Isaan yennaa gamatti bu'ane, Eliyaas Elsaa'iin, «Ani adoo si duraa hin fudhatamin, maan akka si'iif godhu natti himadhu» jedhe. Elsaa'i deebisee, «Maganne'e, qooda Ayyaana keetii dachaa akka dhaalu na godhi» jedhe.
2KI 2:10 Eliyaas deebisee, «Ati waan jadduu gaafatte; te'uu malee yennaa ani si duraa fudhatamu yoo na dhaggite, waan gaafatte kana hin dhaggatta; yoo na dhagguu dhadde ammoo hin dhaggattu» jedheen.
2KI 2:11 Adoo isaan woliin haasowaa ideemanuu, garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaatii fi fardooleen ibiddaa wodhakkaa isaanii seentee, isaan lamaan gargar baatte. Eliyaasille hobonbolatti'iin gara ol gubba'aa fudhatame.
2KI 2:12 Elsaa'i tana dhaggee, «Abbaa kiyya! Abbaa kiyya! Ka Israa'eliif garreettaa fardaatii fi abbootii fardaa teete!» jedhee iyye; achiin duuba inni deebi'ee Eliyaas hin dhaggine. Elsaa'i guddoo waan gaddeef, woyaa ifii addee lamatti tarsaase.
2KI 2:13 Elsaa'i woyaa Eliyaas irraa buute lafaa fuudhee, deebi'ee qarqara laga Yordaanosii dhaabbate.
2KI 2:14 Inni woyaa Eliyaas irraa buute fuudhee ittiin bisaan dhowee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Eliyaasii meet?» jedhe. Yennaa inni bisaan dhowe, bisaan gargar citee, Elsaa'ille gamatti bu'e.
2KI 2:15 Raagoti Yerikoo keessa jirtu fago'otti yennaa isa dhaggite, «Ayyaanni Eliyaasii Elsaa'i irratti bu'eera!» jette; isaan isa dhaggiisaaf dhaqanee, isa duratti lafatti gad gombifamanee,
2KI 2:16 «Kunoo, nuuti tajaajiltooti teeti namoota jajjaba shantama ifii biraa qanna; Ayyaanni Mootii Waan Maraa, goottaa keeti fuudhee gaara irratti yookiin dhooqa keessatti gateera fa'a te'a, dhaqanee isa barbaadanuu ti» jedhane. Elsaa'i deebisee, «Waawwo'o! Isaan hin ergina'a» jedhe.
2KI 2:17 Isaan ammoo haga inni didiisaaf qaaneffatutti ittuma waan gaafataneef, inni «Erga'a» jedheen; maarre isaan namoota shantama san ergane; isaan ammoo guyyaa sad barbaadanee isa dhabane.
2KI 2:18 Achiin duuba isaan gara Elsaa'ii qachaa Yeriko'ootitti isaan eegiisatti jiruu deebi'ane; Elsaa'ille, «Ani, ‹Hin deemina'a› jedhee isinitti hin hinnee?» jedhe.
2KI 2:19 Namooti gariin Yeriko'oo gara Elsaa'i dhufanee, «Ee goottaa keennaa akkuma ati dhaggitu, latti tun dansa'a; ammoo bisaan bada'a; lattille midhaan hin kennitu» jedhane.
2KI 2:20 Elsaa'ille, «Qorii haareya keessa soodda buusa'aatii naa fida'a» jedhee ajaje. Isaanille akkuma inni ajaje qorii itti fidane.
2KI 2:21 Achiin duuba inni gara madda bisaanii dhaqee, soodda bisaan keessa buusee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani bisaan kana fayyiseera; haganaa achi bisaan kun sababa du'aa yookiin latti midhaan akka hin kennine hin godhu› jedha» jedhe.
2KI 2:22 Maarre akkuma Elsaa'i dubbate, bisaan sun haga adhaa fayyaallessa.
2KI 2:23 Elsaa'i gara Bet'elii ol dhaqe; inni karaa irra deemiisatti jiruun, ijoolleen qachaa keessaa gad yaatee qoonqoo guddo'oon, «Namicha mataa molu'uu asii ol deemi! Namicha mataa molu'uu asii ol deemi!» jedhaa itti murgite.
2KI 2:24 Elsaa'i garagalee isaan ilaalee, maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan abaare; achiin duuba doobbaan dhalaan lama baddaa keessaa bayee, ijoollee san keessaa nama afurtamii fi lama kukkute.
2KI 2:25 Elsaa'i gara gaara Qarmelosii ol baye; achille'een gara qachaa Samaariya'aa deebi'e.
2KI 3:1 Yoshaafaax Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, ilmi Ahaabii Yehoraam Samaariyaa keessa tee'ee, Israa'el irratti woggaa kudhanii lama mootii te'e.
2KI 3:2 Inni akka abbaa ifiitii fi haadha ifii hammeenna hujuu dhabaatulle, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujeera; te'uu malee soodduu woyyittii Ba'aalii ta abbaan isaa huje san diige.
2KI 3:3 Ammoo inni cubbuu Yerobi'aamii ilma Nebaatii, ka Israa'eloota cubbuu hujisiise hordofe malee irraa hin deebine.
2KI 3:4 Mootiin Mo'aabii Meshaa'i hoolee horsiisaayyu; inni buruusoo hoole'ee kuma dhibba tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee ta rifeensi irraa hin ciramin kuma dhibba tokko mootii Israa'eliitiif kennaayyu.
2KI 3:5 Mootiin Israa'elii Ahaab du'een duuba ammoo, mootiin Mo'aabii Meshaa'i Israa'el irratti ka'e.
2KI 3:6 Maarre yennuma san Yehoraam Samaariya'aa bayee, loltoota Israa'elii mara wolitti qabe.
2KI 3:7 Mootii Yihuda'aa Yoshaafaaxille'etti ergee, «Mootiin Mo'aabii na irratti waan ka'eef, isa loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate. Yoshaafaax deebisee, «Ani si woliin hin dhaqa; ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti;
2KI 3:8 ammoo karaa kamiin itti duulla?» jedhee gaafate. Mootichi Yehoraamille, «Karaa lafa goomolee Edoomiitiin» jedhee deebise.
2KI 3:9 Maarre mootiin Israa'elii, mootii Yihuda'aatii fi mootii Edoomii woliin duulaaf bayee ideeme; guyyaa torba deemaneen duuba, loltootaa fi horii itti fe'atanee deemanu duraa bisaan dhumate.
2KI 3:10 Mootichi Israa'elii Yehoraam qoonqoo ol qabatee, «Aannee nu'uuf! Mootiin Waan Maraa nu mootota sadiin tana harka worra Mo'aabiititti dabarsee kennu'uufii?» jedhe.
2KI 3:11 Mootichi Yoshaafaax ammoo, «Raagichi Mootii Waan Maraa ka nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate. Tajaajiltoota mootii Israa'elii keessaa tokko, «Ilmi Shaafaaxii Elsaa'i ka dur Eliyaas tajaajilaa ture as jira» jedhee deebise.
2KI 3:12 Mootichi Yoshaafaaxille, «Inni dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa ti» jedhe. Maarre mootiin Israa'elii, mootiin Yihuda'aa Yoshaafaaxii fi mootiin Edoomii gara Elsaa'ii dhaqane.
2KI 3:13 Elsaa'i, mooticha Israa'eliitiin, «Nu maan wol irraa qanna? Gara raagota abbaa keetiitii fi haadha teetii dhaqii gaafadhu» jedhe. Mootichi Israa'elii deebisee, «Waawwo'o! Nu mootota sadiin tana harka worra Mo'aabiititti dabarsee kenniisaaf ka waame Mootii Waan Maraa ti» jedhe.
2KI 3:14 Elsaa'ille, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa, Waaqa Waan Mara Dadee, ka ani tajaajiluu, ulfinna Yoshaafaaxii mooticha Yihuda'aatiif malee, ani ilaanuu si hin ilaaluuyyu yookiin si dhaggu'uuyyuu hin barbaadu.
2KI 3:15 Ammoo nama kiraara dhowu naa fida'a» jedhe. Adoo namichi kiraara dhowiisatti jiruu, hunni Mootii Waan Maraa Elsaa'i irratti buutee,
2KI 3:16 Elsaa'ille, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dhooqi tun boolla bisaaniitiin hin guutanti.
2KI 3:17 Qilleensa yookiin bokkeya hin dhaggitanu; te'uu malee dhooqi tun bisaaniin hin guutanti; isinii fi loon keessan, horiin keessan ka dhibiille hin untan› jedha.
2KI 3:18 Tun Mootii Waan Maraatiif kaso'o; inni worra Mo'aabiille harka keessanitti dabarsee hin kenna.
2KI 3:19 Isin qachaa isaanii ka dalleenni dhaka'aa itti ijaaramee fi qachaa isaanii dadansaa hin qabattan; muka isaanii dadansaa mara hin murtan; madda isaanii mara hin duuchitan; fichaa isaanii dadansaa mara dhaka'aan hin balleessitan» jedhe.
2KI 3:20 Boruyyaa ganama yennaa ciincaan ciinceffamutti bisaan karaa Edoomiitiin lola'iisa jalqabee latti bisaaniin guutante.
2KI 3:21 Mo'aaboti marti akka moototi sadiin sun isaan loliisaaf dhufane yennaa dhage'ane, nama meya lolaa hidhatuu dande'u mara dargaggeeyyi'ii fi jaarsolee wolitti waamanee, meessaa biyya sanii irratti eegane.
2KI 3:22 Barii ganama yennaa ka'anu, aduun baatee bisaan irratti calalaxxee, worra fagoo jiranutti bisaan akka dhiigaa diimatee itti mudhatte.
2KI 3:23 Achiin duuba isaan, «Kun dhiiga! Moototi sadiin sun wol lolanee wol qalaneeran; Mo'aabota, Ka'aa dhandhee boojinaa!» woliin jedhane.
2KI 3:24 Yennaa Mo'aaboti addee quttuma Israa'elii dhufanu, Israa'elooti ka'anee haga isaan baqatanutti isaan lolane; Israa'elooti lafa san timanee Mo'aabota fixane.
2KI 3:25 Qachoota isaanii balleessanee, fichaan dadansaan isaaniille haga dhaka'aan guutamutti nami marti dhakaa itti dadarbate; madda isaanii mara duuchanee, muka dadansaa isaanii mara muranee jijjissane. Qachaa Qir-Heresii qofatti dhakaa ifii woliin hafe; qachuma sanuu loltooti looyya'aan marsitee lolte.
2KI 3:26 Mootichi Mo'aabii lolli akka itti jabaate yennaa dhagge, namoota shallaagaa hidhatane dhibba torba fudhatee, karaa mooticha Edoomiitiin cassee seeniisaaf wodhaane; ammoo isaan hin dandeenne.
2KI 3:27 Achiin duuba mootichi Mo'aabii ilma ifii angaficha, ka addee isaatitti mootii te'uuf male, dalleya dhaka'aa ka qacha'aa irratti ciincaa dhikeesse; Israa'elooti tana rifatanee, isa lakkisanee gara lafa ifii deebi'ane.
2KI 4:1 Haati hiyyeessaa ta abbaan manaa isi'ii miseensa raagotaa te'e takka, gara Elsaa'ii dhuttee, «Tajaajilaan keeti, abbaan manaa kiyya du'eera; inni akka Mootii Waan Maraa sodaatu atinuu hin beetta; amma ammoo nami liqaa isa irraa qabu tokko, ilmaan tiyya lamaan fudhatee garbonfatiisaaf dhufeera» jettee itti himatte.
2KI 4:2 Elsaa'i deebisee isi'iin, «Maan akka sii godhu barbaadda? Waan mana keeti keessaa qaddu natti himi» jedhe. Isiin deebittee, «Ani tajaajiltuun teeti zayitii ejersaa meshoo diqqoo takka malee womaa manaa hin qabu» jette.
2KI 4:3 Elsaa'i, «Gara ollaa keetii mara dhaqiitii okkotee duwwaa bacaa ergifadhu.
2KI 4:4 Achiin duuba ilmaan teeti woliin gara manaa ol seeniitii balbala cufadhuu, zayitii ejersaa san okkotee maratti naqi; okkoteen marti yennaa guuttu jalaa fuudhii cinaa keyi» isi'iin jedhe.
2KI 4:5 Maarre isiin isa biraa deentee, ifii fi ilmaan ifiititti balbala cufattee, ilmaan isi'ii okkotee isi'iif dhikeessanuun, isiin zayitii meshoo keessaa san itti guutte.
2KI 4:6 Okkoteen duudiin guutteen duuba, isiin ilma ifiitiin, «Okkotee dhibii naa fidi» jette; inni ammoo deebisee, «Okkoteen dhibiin hin jirtu» jedheen. Achiin duuba Zayitiin ejersaa sun yaa'uu lakkitte.
2KI 4:7 Isiin dhaxxee nama Waaqaa Elsaa'itti hinte; innille, «Dhaqiitii, zayitii san gurguriitii liqaa keeti kaffaladhu; waan hafeen atii fi ilmaan teeti ittiin le'uu dandeettan» jedheen.
2KI 4:8 Gaafa tokko Elsaa'i gara qachaa Shuneemii dhaqe; dubartiin dureettiin takka achi jirtiiyyu. Isiin akka inni sagalee nyaatu kadhatte; maarre inni yennaa karaa san dabaru mara sagalee nyaatiisaaf achi goraayyu.
2KI 4:9 Isiin abbaa manaa ifiitiin, «Namichi yennaa mara karaa mana keennaa dabaru kun, woyyicha nama Waaqaa akka te'e ani hin beeka.
2KI 4:10 Tanaaf heellichoo manaa irratti kolloo diqqoo isaaf ijaarree, achi keessa taqee, xarapheessaa, barcuma'aa fi issaa isaaf keennuu ti; inni yennaa gara keenna dhufu mara achi keessatti foorfatuu dande'a» jette.
2KI 4:11 Gaafa tokko Elsaa'i gara qachaa Shuneemii yennaa dhufe, gara kolloo ifii ol bayee achi irkate.
2KI 4:12 Inni tajaajilaa ifii Gehaaziin, «Shuneemittii san waami» jedhe. Yennaa inni isii waame, isiin dhuttee isa dura dhaabbate.
2KI 4:13 Inni tajaajilaa ifiitiin, « ‹Ati haga kana mara nu'uuf rakkatteerta, ani maan si'iif godhu ree? Mootichatti yookiin ajajaa loltootaatitti maan si'iif himu ree?› jedhii isi'itti himi» jedhe. Isiille deebittee, «Ani kolbaa tiyya odduu jira» jette.
2KI 4:14 Elsaa'i, «Maan isi'iif godhu ree?» jedhe. Gehaaz deebisee, «Be isiin ilma hin qaddu! Abbaan manaa isi'iille jaarsa» jedhe.
2KI 4:15 Achiin duuba Elsaa'i, «Isii waami» jedhe. Maarre inni isii waamee, isiille dhuttee balbala dura dhaabbatte.
2KI 4:16 Elsaa'ille, «Bara dhufu yennaa akkanaa ilma hin annatta» jedheen. Isiin, «Waawwo'o! Goottaa kiyya, nama Waaqaa, ana tajaajiltuu teetitti dhara hin dubbatin» jetteen.
2KI 4:17 Ammoo akkuma Elsaa'i isi'itti hime, dubartittiin sun ulfoottee, woggaa itti aantu yennuma inni dubbatetti ilma deette.
2KI 4:18 Mucaan sun yennaa guddate, gaafa tokko bayee gara abbaa ifii ka worra midhaan haamu woliin jiruu dhaqe.
2KI 4:19 Mucaan sun abbaa ifiitiin, «Mataa kiyyaa! Mataa kiyyaa!» jedhe. Abbaan tajaajilaa ifiitiin, «Mucaa ba'adhuutii gara haadha isaa geessi» jedhe.
2KI 4:20 Tajaajilaan sun mucaa ba'atee gara haadha isaa geesseen duuba, haga saatii jaa gudeeda haadha ifii irra tee'ee, achiin duuba du'e.
2KI 4:21 Isiin kolloo mana irraatitti ol baatee, taqee nama Waaqaa irra isa irkittee, balbala itti cuttee baatee ideente.
2KI 4:22 Isiin abbaa manaa ifii waantee, «Gara nama Waaqaa ariifadhee dhaqee akka deebi'u, tajaajilaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi» jetteen.
2KI 4:23 Abbaan manaa isi'ii, «Adhi guyyaa baatii ji'aa yookiin guyyaa Sanbataatii motii? Maaf gara isaa dhaxxa?» jedhee gaafate. Isiin, «Rakkoon hin jirtu» jette.
2KI 4:24 Isiin harree kooraa itti fe'attee, tajaajilaa ifiitiin, «Dura deemi; haga ani sitti himutti naaf jettee laana hin deemin» jette.
2KI 4:25 Maarre isiin kaatee, gaara Qarmelosii gara nama Waaqaa Elsaa'i bira dhaxxe. Inni yennaa fago'otti isii dhagge, tajaajilaa ifii Gehaaziin, «Ilaa, Shuneemittiin dhufiisatti jirti!
2KI 4:26 Rukkisii itti dhaqiitii, ‹Ati nageyaa? Abbaan manaa keeti nageyaa? Mucaan keeti nageyaa?› jedhii isii gaafadhu» jedheen. Isiin, «Wonni marti nageya» jette.
2KI 4:27 Isiin gaara Qarmelosii nama Waaqaa Elsaa'i bira yennaa geette, miila isaa qadde; Gehaaz isa irraa isii darbiisaaf gara isi'ii dhufe; Elsaa'i ammoo, «Lakkis; isiin gadda hamaa keessa jirti; Mootiin Waan Maraa ammoo maaf akka gaddite na dhossee, natti hin hinne» jedhe.
2KI 4:28 Isiin, «Goottaa kiyya, akka ati ilma naa kennitu si gaafadheeraa? Ani, ‹Dhara natti hin dubbatin› si'iin jedhee hin jiruu?» jetteen.
2KI 4:29 Elsaa'i, Gehaaziin, «Hidha keeti hidhadhuutii, ulee tiyya qabadhuu ariifadhuu deemi! Nama yoo dhaggite nageya hin fuudhin; yoo nami nageya si fuudhe, deebii isaaf hin kennin; yennaa achi geette ulee tiyya fuula muca'aa irra keyi» jedhe.
2KI 4:30 Haati muca'aa ammoo, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si lakkisee hin deemu!» jetteen; maarre inni ka'ee isii gula deeme.
2KI 4:31 Gehaaz isaan dursee deemee, ulee Elsaa'i fuula mucaa irra keye; mucaan ammoo hin dubbanne yookiin hin tachoone; tanaaf Gehaaz gara Elsaa'ii deebi'ee, «Mucaan hin kaane» jedheen.
2KI 4:32 Elsaa'i dhufee yennaa mana seene, mucaan du'ee taqee isaa irra irkateeruun dhagge.
2KI 4:33 Inni kolloo san seenee ifii fi mucaa qofatti balbala cufatee gara Mootii Waan Maraa daadimate.
2KI 4:34 Achiin duuba taqee yaabee, afaan ifii afaan muca'aa irra, ila ifii ila muca'aa irra, harka ifii harka muca'aa irra keyee reeffa muca'aa irra irkate; akkuma inni mucaa irra irkateen, nafi muca'aa o'uu jalqabe.
2KI 4:35 Elsaa'i ol ka'ee kolloo keessa asii fi achi deemeen duuba, deebi'ee taqee yaabee mucaa irra irkate. Mucaalle yennaa torba haxxifatee, ila banate.
2KI 4:36 Elsaa'i Gehaaz waamee, «Shuneemittii waami» jedheen. Innille isii waame. Isiin yennaa dhutte, Elsaa'i, «Ilma keeti fudhadhu» jedheen.
2KI 4:37 Isiin ol seentee miila Elsaa'iititti jiddee, lafalle'etti gad gombifante. Achiin duuba ilma ifii fudhattee deente.
2KI 4:38 Yennaa Elsaa'i gara Giilgalii deebi'e, lafa san keessa beelti jirtiiyyu; raagoti isa dura tee'aneeranuun, inni tajaajilaa ifiitiin, «Okkotee guddoo ibidda irra dhaabiitii, ittoo isaaniif huji» jedhe.
2KI 4:39 Raagota san keessaa tokkochi baala nyaatanu guuratiisaaf diidatti bayee, waan buqqii fardaa fakkaatu dhaggee, midhaan isi'ii woyaa ifiititti guuree yennaa deebi'e, hoocee okkotee itto'oo sanitti naqe. Midhaan maanii akka teete ammoo eennulle hin beenne.
2KI 4:40 Raagoti akka nyaatanuuf ittoo isaaniif baasane; akkuma isaan afaaniin qabaneen ammoo, «Ee nama Waaqaa, okkotee tana keessa waan nama ijjeesutti jira!» jedhaa Elsaa'itti iyyane; nyaatiisaafille hin dandeenne.
2KI 4:41 Elsaa'i, «Bullaa diqqoo fida'a» jedhee gaafatee, okkote'etti naqee tajaajilaa ifiitiin, «Kolbaan nyaattuutii baasiifi» jedhe. Achiin duuba okkotee san keessatti wonni nama miidhu tokkolle hin dhagganne.
2KI 4:42 Nami tokko Ba'aal-shaaliishii irraa, midhaan qara bilchaate irraa xaltaa daabboo garbu'uu diddamaa fi shawwee midhaanii qalqallu'utti Elsaa'iif fide. Elsaa'i tajaajilaa ifiitiin, «Kolbaan nyaattuutii kenniif» jedhe.
2KI 4:43 Tajaajilaan isaa ammoo, «Ani attamiin kana nama dhibbaaf dhikeessuu dande'aa?» jedhee gaafate. Elsaa'i ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaan nyaattee quuttee irraa hin hafa› waan jedheef, nyaatanuu ti kenniif!» jedheen.
2KI 4:44 Achiin duuba tajaajilaan isaa sagalee isaaniif dhikeesse; akkuma Mootiin Waan Maraa jedhe, isaan sagalee nyaatanee quufanee irraa hatte.
2KI 5:1 Na'amaan ajajaa loltoota mootii Sooriya'aa ti; Mootiin Waan Maraa karaa isaatiin loltoota Sooriya'aatiif injifachaa waan kenneef, inni goottaa ifii duratti nama gudda'aa fi nama ulfinna qabu. Inni loltuu jaba'a; ammoo dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabaayyu.
2KI 5:2 Worri Sooriya'aa biyya Israa'elii lolee, intala diqqoo takka Israa'el keessaa booji'e; isiille haadha manaa Na'amaanii tajaajilaa turte.
2KI 5:3 Gaafa tokko isiin giittii ifiitiin, «Goottaan kiyya gara raagicha Samaariyaa jiruu adoo dhaqee, inni dhukkuba kana irraa isa fayyisuu hin dande'a» jette.
2KI 5:4 Na'amaan waan kana yennaa dhage'e, gara mootichaa dhaqee waan intalti biyya Israa'eliitii dhutte jette san itti hime.
2KI 5:5 Mootichille, «Xalayaa kana fuudhiitii gara mooticha Israa'elii geessi» jedhe. Maarre Na'amaan meetii gara kiiloogiraama dhibba sadii fi afurtamaa, worqii gara kiiloogiraama torbaatamaatii fi woyaa adduu kudhan qabatee deeme.
2KI 5:6 Xalayaan inni gara mootii Israa'elii fuudhee deeme sun, «Tajaajilaa kiyya Na'amaan dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa akka fayyittuuf xalayaa kana itti kennee gara keeti ergeera» ka jedhu.
2KI 5:7 Mootichi Israa'elii xalayaa yennaa dubbise, gaddaan woyaa ifii tarsaasee, «Ani Waaqaa? Ani ijjeesuu, deebisee kaasuu hin dande'aa? Namichi kun maaf akka ani dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa fayyisuuf nama kana gara kiyya erge? Akka inni dubbii na irratti barbaadu dhagga'a» jedhe.
2KI 5:8 Nami Waaqaa Elsaa'i, akka mootiin Israa'elii gaddee woyaa ifii tarsaase yennaa dhage'e, «Maaf woyaa teeti tarsaatte? Israa'el keessa raagaan akka jiru akka inni beeku, namicha gara kiyya ergi» jedhee itti dhaame.
2KI 5:9 Maarre Na'amaan fardo'oo fi garreettota ifii ka fardo'oon harkifamu irra te'ee dhaqee, balbala mana Elsaa'ii duratti dhaabbate.
2KI 5:10 Elsaa'ille ergaa itti ergee, «‹Dhaqiitii laga Yordaanosiititti yennaa torba dhiqadhu; foon keeti adde'etti hin deebi'a; atille hin qulqulloota› jedhii itti himi» jedheen.
2KI 5:11 Na'amaan ammoo aaree, «Dhugumaan inni gara kiyya gad bayee dhaabbatee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waamee, harka ifii dhukkuba goga'aa farrisiisaa kiyya irra wirsee, waan na fayyisu seye.
2KI 5:12 Lagi Damaasqo'oo Abaanaa fi Farphar, bisaan laga Israa'elii mara caalaa motii? Ani silaa isaan keessatti dhiqadhee hin qulqulloomuuyyu?» jedhee deebi'ee deeme.
2KI 5:13 Tajaajiltooti Na'amaanii gara isaa dhikaattee, «Abba'a, raagichi waan guddoo takka akka ati gootuuf adoo sitti himee jiraatee hin gootaayyuu motii? Amma ‹Dhiqadhuutii qulqullowi› yoo si'iin jedhe maanti si rakkise?» jedhane.
2KI 5:14 Maarre Na'amaan gara laga Yordaanosii gad bu'ee, akkuma nami Waaqaa isatti hime yennaa torba laga Yordaanosiititti ifi cuuphe; nafi isaalle adde'etti deebi'ee qulqullowee akka nafa ijoollee didiqqo'oo te'e.
2KI 5:15 Achiin duuba Na'amaan hordofattoota ifii mara woliin, gara Elsaa'ii nama Waaqaa deebi'ee, isa dura dhaabbatee, «Israa'el keessa malee, Waaqi dhibiin biyya lafaa mara keessa akka hin jirre ani beekeera; maganne'e amma ana tajaajilaa keeti irraa kennansa kana fudhadhu» jedhe.
2KI 5:16 Elsaa'i deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa ani tajaajiluu; ani waan tokkolle hin fudhadhu» jedhe. Na'amaan akka inni fudhatuuf kadhatulle, Elsaa'i ammoo fudhatiisa didate.
2KI 5:17 Achiin duuba Na'amaan, «Ati Kennansa kiyya yoo fudhatuu didde, ani tajaajilaan keeti deebi'ee ijjumaa Mootii Waan Maraatiif malee, waaqota dhibi'iif ciinca'aa fi woreega waan hin dhikeessineef, biyyee fe'iisa gaange'ee lama fuudhee akka deemu naaf eeyyam.
2KI 5:18 Maarre goottaan kiyya waaqonfatiisaaf gara galma Rimoonii waaqa Sooriya'aa yennaa seenu, harka kiyyatti ciqilfatee waan sagaduuf, anille galma Rimoonii san keessatti yoo gad jedhe, Mootiin Waan Maraa marroo waan kanaatiif, ana tajaajilaa keetiif araaramuu ti» jedhe.
2KI 5:19 Elsaa'i, Na'amaaniin, «Nageyaan deem» jedhe. Na'amaan diqqoo irraa fagaatee deemeen duuba,
2KI 5:20 tajaajilaan Elsaa'ii nama Waaqaa, Gehaaz, «Goottaan kiyya waan Na'amaaniin nami Sooriya'aa fide fudhatuu didee akkasumaan gad lakkise. Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ani isa gula rukkisee woy isa irraa fudhadha» jedhee yaadate.
2KI 5:21 Maarre Gehaaz ka'ee Na'amaan gula rukkise; Na'amaan inni gara isaa rukkisuun yennaa dhagge, isa qophatiisaaf garreettaa fardaa ifii irraa bu'ee, «Nageyaayyuu?» jedhee gaafate.
2KI 5:22 Gehaaz deebisee, «Nageyuma, ammoo goottaa kiyyatti, ‹Raagota keessaa dargaggooti lama biyya koobittii Efreemiitii, gara kiyya waan dhufaneef, maganne'e meetii gara kiiloogiraama soddomii afuriitii fi woyaa guutuu ta jijjiirataa lama isaaniif kenni› jedhee na erge» jedheen.
2KI 5:23 Na'amaan, «Maganne'e, meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii fudhadhu» jedhe. Inni isa uttisee meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii subba lama keessa keyee hidhee, woyaa guutuu ta jijjiirataa lama woliin, tajaajiltoota ifii keessaa nama lamatti kenne; isaanille ba'atanee Gehaaziin dura deemane.
2KI 5:24 Kooba Elsaa'i le'u yennaa geyane, Gehaaz meya ba'atane tajaajiltoota irraa fuudhee, mana keessa keye. Achiin duuba tajaajiltoota Na'amaanii gad lakkise; isaanille deemane.
2KI 5:25 Gehaaz gara manaa seenee, goottaa ifii Elsaa'i dura dhaabbate. Elsaa'ille, «Gehaaz! Haga ammaa eessa jirta?» jedhee isa gaafate. Innille deebisee, «Goottaa kiyya, ani tajaajilaan keeti eessalle hin dhandhe» jedhe.
2KI 5:26 Elsaa'i ammoo, «Namichi si qophatiisaaf garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irraa yennaa baye, ani ayyaanaan si woliin hin jiruuyyuu? Yennaan tun yennaa beesee, woyaa, fichaa muka ejersaatii fi fichaa muka woyni'ii, hoole'ee fi horii, yookiin tajaajiltoota dhiiraatii fi durraa fudhatanuu ree?
2KI 5:27 Tanaaf, dhukkubi goga'aa farrisiisaan Na'amaanii haga bara baraa si'ii fi sanyii teetitti hin dabara» jedhe. Achiin duuba Gehaaz dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamee adii akka dhakaa bokkeyaa te'ee isa duraa bayee deeme.
2KI 6:1 Korri raagotaa, Elsaa'iin, «Addeen nuuti si woliin le'iisatti jiru guddoo nutti dhipho'o.
2KI 6:2 Gara laga Yordaanosii dhandhee, muka murannee, mana keessa leenu akka ijaarannu nuuf eeyyam» jedhane. Elsaa'ille, «Dhaqa'a» isaaniin jedhe.
2KI 6:3 Achiin duuba raagota keessaa tokkochi, «Maganne'e, atille nu tajaajiltoota teeti woliin hin dhaxxuu?» jedhe; Elsaa'ille, «Hin dhaqa» jedhee,
2KI 6:4 woliin deemane. Isaan yennaa Yordaanos geyane, muka muruu jalqabane.
2KI 6:5 Isaan keessaa tokkochi adoo muka muruu, agaraan buqqa'ee bisaan keessa bu'e. Inni iyyee, «Hoola! Goottaa kiyya agaraan ka ergisa'aa ti» jedhe.
2KI 6:6 Nami Waaqaa Elsaa'i, «Eessaan bu'e?» jedhee gaafate. Namichi addee agaraan bu'e Elsaa'itti yennaa mudhise, inni muka tokko muree achi bisaan keessa buusee, akka agaraan bisaan gubba'atti bayu godhe.
2KI 6:7 Elsaa'i, namichaan, «Baasiitii fudhadhu» jedhe; namichille hiixatee fudhate.
2KI 6:8 Mootichi Sooriya'aa Israa'el woliin loliisatti adoo jiruu, qondaaltota ifii woliin mari'atee, «Ani quttuma kiyya addee akkasiitii fi akkasiititti godhadha» jedhe.
2KI 6:9 Nami Waaqaa Elsaa'i ammoo, «Worri Sooriya'aa achitti gad bu'iisatti waan jiranuuf, karaa san akka hin dabarre» jedhee mooticha Israa'eliititti erge.
2KI 6:10 Maarre mootichi Israa'elii addee nami Waaqaa Elsaa'i isa ifi eeggachiise san nama itti ergee qorqore; nami Waaqaa Elsaa'i yennaa hedduu isa ifi eeggachiisee, mootichille achi irraa ifi eeggate.
2KI 6:11 Mootichi Sooriya'aa waan kana guddoo aaree, qondaaltota ifii waamee, «Nu keessaa mootii Israa'eliitiif ka dooyu, eennu akka te'e natti hin hintanuu?» jedhee gaafate.
2KI 6:12 Qondaaltota isaa keessaa tokkochi, «Ee, goottaa kiyya mooti'i! Waan dhossa'aa ta ati kolloo taqee teetii keessatti dubbattu mara, mootii Israa'eliititti ka himu raagicha Elsaa'i malee, nu keessaa ka himu eennulle hin jiru» jedhee deebise.
2KI 6:13 Mootichi Sooriya'aa, «Akka ani namoota itti ergee isa qabu, dhaqa'aatii addee inni jiru barbaada'a» isaaniin jedhe. Isaan, «Inni qachaa Dootaanii keessa jira» jedhanee mootichatti himane.
2KI 6:14 Achiin duuba mootichi loltoota hedduu fardo'ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu gara qachaa Dootaanii erge. Isaan halkaniin achi geyanee, qachaa san marsane.
2KI 6:15 Boruyyaa barii ganama tajaajilaan nama Waaqaa Elsaa'ii ka'ee yennaa gad baye, loltooti fardo'ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu qachaa marsiteertuun dhaggee, nama Waaqaa Elsaa'i'iin, «Hoola! Goottaa kiyya! Maan goonu nuu woyya?» jedhee gaafate.
2KI 6:16 Elsaa'ille, «Hin sodaatin; worra isaan woliin jiru caalaa worra nu woliin jirutti caala» jedheen.
2KI 6:17 Achiin duuba Elsaa'i, «Ee Mootii Waan Maraa! Akka inni dhaggu ila isaa bani!» jedhee daadimate; Mootiin Waan Maraa ila tajaajilaa Elsaa'ii waan baneef, tajaajilaan sun fardoo ibiddaa heddu'uu fi garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaa hedduun kooba guuttee adaala Elsaa'ii mara jirtuun dhagge.
2KI 6:18 Worri Sooriya'aa gara Elsaa'ii gad yennaa dhufane, inni, «Kolbaa tana ila isaanii jaamsi» jedhee gara Mootii Waan Maraa daadimate. Akkuma Elsaa'i gaafate Mootiin Waan Maraa ila isaanii jaamse.
2KI 6:19 Achiin duuba Elsaa'i isaaniin, «Karaalle, qachaalle kanaa moti; na gula kowa'a; ani gara nama isin barbaaddanuu isin hin geessa» jedhee gara qachaa Samaariya'aa isaan geesse.
2KI 6:20 Akkuma isaan qachaa seenaneen Elsaa'i, «Ee, Mootii Waan Maraa! Akka isaan dhagganu ila isaanii bani» jedhe; maarre Mootiin Waan Maraa ila isaanii banee, isaanille ilaalanee qachaa Samaariya'aa keessa akka jiranu dhaggane.
2KI 6:21 Mootichi Israa'elii yennaa isaan dhagge, «Abbaa kiyya! Isaan ijjeesuu? Isaan ijjeesuu?» jedhee Elsaa'i gaafate.
2KI 6:22 Elsaa'ille, «Waawwo'o! Loltoota shallaaga'aa fi guubee teetiin boojite hin ijjeettaa? Akka isaan nyaatanuu fi unanu sagale'ee fi bisaan kenniif; achiin duuba gara mootii ifii deebi'anuu ti» jedheen.
2KI 6:23 Maarre mootiin Israa'elii areertii guddoo isaaniif godhee, isaan nyaatanee unaneen duuba gad isaan lakkise; isaanille gara mootii ifii deemane. Yennaa saniin jalqabanee, gareen loltoota sooriya'aa lafa Israa'elii loliisatti hin deebine.
2KI 6:24 Yennaa diqqo'oon duuba, mootiin Sooriya'aa Ben-hadaad loltoota ifii duudii wolitti qabatee, qachaa Samaariya'aa marse.
2KI 6:25 Qachaan sun marfamee waan tureef beelti hantuun seentee, gatiin mataa harree tokkoo meetii gara kiiloogiraama tokkoo, udaan saphaliisaa ka gara giraama dhibba lamaa, meetii gara giraama jaatamaa baasuu jalqabe.
2KI 6:26 Gaafa tokko mootiin Israa'elii dalleya dhaka'aa ka qacha'aa san irra ideemaa dabariisatti adoo jiruu, dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Ee, goottaa kiyya mooti'i, maganne'e na qarqaar» jetteen.
2KI 6:27 Mootichille, «Mootiin Waan Maraa yoo si hin qarqaarin, ani attamiin si qarqaaruu dande'a ree? Eeddummee tiyya irraa moo? Addee cunfaa woyni'ii tiyya irraa?» jedheen.
2KI 6:28 Achiin duuba, «Rakkoon teeti maan» jedhee isii gaafate. Isiille, «Dubartiin tun, ‹Adha ilma keeti fidi hin nyaanna; boru ilma kiyya hin nyaanna› anaan jetteerti.
2KI 6:29 Tanaaf ilma kiyya iffeelannee nyaanne. Boruyyaa, ani, ‹Ilma keeti fidi hin nyaanna› jedhee gaafadhe. Isiin ammoo ilma ifii dhoffatte» jetteen.
2KI 6:30 Mootichi tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; adoo inni dalleya dhaka'aa irra ideemaa dabariisatti jiruu, inni woyaa gaddaa nafa ifiititti aanfatee uffateeruun kolbaan isa dhaggite.
2KI 6:31 Mootichille qoonqoo ol qabatee, «Adha mataan Elsaa'ii ilma Shaafaaxii yoo isa irraa hin muramin, Waaqi na ijjeesuu ti!» jedhe.
2KI 6:32 Inni ifiin dura nama gara Elsaa'ii erge. Yennaa kana Elsaa'i, jaarsolee isa ilaaliisaaf dhutte woliin mana ifii keessa jiraayyu; namichi gara Elsaa'ii ergame adoo isa bira hin geyin, Elsaa'i jaarsolee saniin, «Namichi nama ijjeesu sun na ijjeesisiisaaf nama natti ergeera. Yennaa inni as gewu balbala itti cufa'aatii, seensa isa dhoogga'a. Goottaan isaalle duuba isaatiin dhufiisatti jira» jedhe.
2KI 6:33 Adoo inni isaan woliin dubbatiisatti jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe. Mootichille, «Balaan kun Mootii Waan Maraa biraa dhufe; haganaa achi ani maan isa irraa eegadha ree?» jedhe.
2KI 7:1 Elsaa'i deebisee, «Jacha Mootii Waan Maraa dhage'i! Mootiin Waan Maraa, ‹Boru yennaa tana karra qachaa Samaariya'aatitti, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman› jedha» jedhe.
2KI 7:2 Qondaaltichi mootichi itti ciqilfatu, nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» jedhe. Elsaa'i deebisee, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhe.
2KI 7:3 Karra qachaa Samaariya'aa dura, namooti afur ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu jiraniiyyu; isaan, «Maaf haga duunu as teenna?
2KI 7:4 Nuuti, ‹Gara qacha'aa seenna› yoo jenne, achi beelti waan jirtuuf, hin duuna; yoo asitti hannelle hin duuna; maarre gara quttuma worra Sooriya'aa dhandhuu ti. Yoo isaan nu hamburane, hin jiraanna; yoo nu ijjeesanelle hin duuna» woliin jedhane.
2KI 7:5 Maarre isaan galgala dimimmisa, gara quttuma worra Sooriya'aa dhaqane. Yennaa achi geyanu nami tokkolle achi hin jiru.
2KI 7:6 Loltooti Sooriya'aa hididdeettii garreettaa fardaan harkifamuu, hididdeettii fardo'ootii fi loltoota heddu'uu akka dhage'anu, Mootiin Waan Maraa waan godheef, isaan, «Mootiin Israa'elii mootii Heetotaatii fi mootii Gibxi'ii akka nu lolanuuf nutti biteera» woliin jedhane.
2KI 7:7 Tanaaf galgala san worri Sooriya'aa dunkaanii ifii, fardoo ifiitii fi harree ifii, addee quttuma ifiille akkuma jirtutti lakkisanee, lubbuu ifii hamburatiisaaf baqatane.
2KI 7:8 Namooti dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu sun, addee quttuma worra Sooriya'aa yennaa geyane, dunkaanii takka seenanee, waan achi jiru nyaatanee unanee, meetii, worqi'ii fi woyaa fudhatanee, dhaqanee dhoffatane; achiin duuba isaan deebi'anee dunkaanii dhibii seenanee, achi keessalle'ee waan dhibii fudhatanee, dhaqanee dhoffatane.
2KI 7:9 Achiin duuba isaan, «Wonni nuuti hujiisatti jirru sirri'ii moti; guyyaan adhaa guyyaa oduu gammadaa himanu; nuuti ammoo cadhi jenne; haga latti bariitutti yoo turre, hin adabanna; tanaaf ammuma gara mana mootumma'aa dhandhee hinnuu ti» woliin jedhane.
2KI 7:10 Maarre isaan dhaqanee, eeddota karra qacha'aa waamanee, «Gara addee quttuma worra Sooriya'aa dhandhee, fardo'oo fi harree hidhamane malee, nami tokkolle hin jiru; qoonqoo nama tokkoolle hin dhageenne; dunkaanoti isaaniille akkuma jirtutti jirti» jedhanee himane.
2KI 7:11 Achiin duuba eeddoti karra qacha'aa oduu san, worra mana mootumma'aa keessa jirutti himane.
2KI 7:12 Mootichi halkaniin ka'ee, qondaaltota ifiitiin, «Waan worri Sooriya'aa nu irratti hujiisatti jiru, ani isinitti hima. Isaan akka nuuti beela irra jiru hin beekan; maarre isaan, ‹Isaan qachaa keessaa bayiisa hin dhabanu; nuutille jiru'uun isaan boojinee, gara qachaa sanii hin seenna› jedhanee yaadanee, addee quttuma ifii lakkisanee dhokatiisaaf, qacha'aan alatti bayane» jedhe.
2KI 7:13 Qondaaltota isaa keessaa tokkochi, «Kolbaan as keessatti hattelle, akkuma kolbaa Israa'elii ta tanaan qara dhumattee te'iis isaanii waan hin oolleef, namooti gariin fardoo asitti hatte shan fudhatanee dhaqanee waan te'e akka hubatanuuf, erginee ilaalla» jedhe.
2KI 7:14 Maarre isaan garreettaa fardaan harkifamu lama fardoo woliin filane; mootichille namoota san loltoota Sooriya'aa gula ergee, «Dhaqa'aatii, waan te'e ilaala'a» jedhee ajaje.
2KI 7:15 Isaanille haga laga Yordaanosii loltoota Sooriya'aa gula deemanee, loltooti Sooriya'aa ariiti'iin yennaa baqatanu woya'aa fi meya karaa mara irratti gatane dhaggane. Maarre worri ergame sun deebi'ee mootichatti hime.
2KI 7:16 Achiin duuba Kolbaan Samaariya'aa baatee, addee quttuma worra Sooriya'aa saante; maarre akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti gurguramane.
2KI 7:17 Yennaa tana mootichi Israa'elii, qondaalticha mootichi itti ciqilfatu, itti gaafatamaa seensuma karra qacha'aa waan godheeruuf, kolbaan isa irra sirbitee, akkuma nami Waaqaa Elsaa'i yennaa mootichi gara mana isaa dhufe raage, innille du'e.
2KI 7:18 Akkuma nami Waaqaa Elsaa'i mootichaan, «Boru yennaa tana karra Samaariya'aa duratti bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman» jedhe muummotte.
2KI 7:19 Qondaaltichi sun nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» waan jedheeruuf, Elsaa'i, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhee deebiseeraayyu.
2KI 7:20 Namooti seensuma karra qacha'aa keessatti isa irra sirbanee inni waan du'eef, wonni isa irratti raagame dhugumaan teete.
2KI 8:1 Elsaa'i dubartittii qachaa Shuneemii keessa leetu, ta ilma isi'ii du'aa kaaseen, «Mootiin Waan Maraa beelti woggaa torbaa lafa irratti akka buutu waan murteesseef, maatii teeti woliin yenna'aaf addee le'uu dandeettu deemi» jedhe.
2KI 8:2 Maarre isiin kaatee akkuma nami Waaqaa Elsaa'i isi'iin jedhe goote; maatii ifii woliin gara biyya Filisxeemotaa dhaxxee woggaa torba achi leete.
2KI 8:3 Dhuma woggaa torbaa irratti, isiin lafa Filisxeemotaatii deebitee, marroo manaa fi fichaa ifii iyyatiisaaf gara mootichaa dhaxxe.
2KI 8:4 Yennaa san Mootichi, «Bilbaasota Elsaa'i huje duudii natti himi» jedhaa tajaajilaa Elsaa'ii nama Waaqaa Gehaaz woliin dubbatiisatti jiraayyu.
2KI 8:5 Mucaa du'e Elsaa'i attam akka kaase, Gehaaz mootichatti adoo himiisatti jiruu, dubartittiin Elsaa'i ilma isi'ii du'aa kaase dhuttee, marroo manaa fi fichaa ifii mootichatti iyyatte. Gehaaz, «Goottaa kiyya mooticha! Dubartittiin isii tana; ilmi isi'ii ka Elsaa'i du'aa kaaselle isa kana» jedhee mootichatti hime.
2KI 8:6 Mootichi marroo dubbii tanaa isii gaafate; isiille isatti hinte. Achiin duuba mootichi marroo haajaa isi'ii kanaaf qondaalticha tokkoon, «Waan isi'ii mara, haga isiin biyya irraa deenteen jalqabee haga ammaa waan fichaa isi'ii irraa dhaggame mara isi'iif deebisiis» jedhe.
2KI 8:7 Mootichi Sooriya'aa Ben-Hadaad yennaa dhibameeru, Elsaa'i gara Damaasqo'oo dhaqe; «Elsaa'i as dhufeera» jedhanee mootichatti yennaa himane,
2KI 8:8 mootichi Hazaa'eliin, «Kennansa kana nama Waaqaa Elsaa'iif geessii dhaqiitii ani dhibee tana irraa yoo fayyu te'e, karaa isaatiin Mootii Waan Maraa naaf gaafadhu» jedhe.
2KI 8:9 Maarre Hazaa'el, waan dadansaa qachaa Damaasqo'oo keessaa mara fe'iisa gaala afurtatamaa Elsaa'iif geesse. Inni dhaqee Elsaa'i dura dhaabbatee, «Tajaajilaan keeti mootichi Sooriya'aa Ben-hadaad, ‹Ani dhibee tana irraa hin fayyaa?› jedhee gara keeti na ergeera» jedhe.
2KI 8:10 Elsaa'i deebisee, «Dhaqiitii, ‹Ati dhugumaan hin fayyita› jedhiin; Mootiin Waan Maraa ammoo akka inni dhugumaan du'u natti mudhiseera» jedhe.
2KI 8:11 Nami Waaqaa Elsaa'i haga Hazaa'el fokkifatutti ila irraa adoo hin buqqifatin isa ilaalee, achiin duuba bowe.
2KI 8:12 Hazaa'el, «Ee goottaa kiyya! Maaf bootta?» jedhee gaafate. Elsaa'ille, «Waan hantuu ati Israa'eloota irratti gootu waan beekuuf bowa; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfame ibiddaan hin gudda; dargaggoota isaanii shallaaga'aan hin ijjeetta; ijoollee isaanii lafatti hin dhootta; dubartoota isaanii ta ulfa qaddu gadhaa hin baqassita» jedhe.
2KI 8:13 Hazaa'el, «Ani tajaajilaan keeti sareen kun, attamiin waan guddoo akkasii godhuu dande'aa?» jedhee gaafate. Elsaa'i deebisee, «Ati mooticha worra Sooriya'aa akka teetu Mootiin Waan Maraa natti mudhiseera» jedhe.
2KI 8:14 Achiin duuba Hazaa'el, Elsaa'i biraa deemee gara Ben-hadaadii goottaa ifii deebi'e; yennaa san Ben-hadaad, «Elsaa'i maan si jedhe?» jedhee gaafate. Hazaa'el deebisee, «Ati dhugumaan akka fayyitu natti hime» jedhe.
2KI 8:15 Boruyyaa ammoo Hazaa'el bullukkoo fuudhee bisaan keessa cuuphee, fuula mootichaa irra buusee buqee ijjeese. Achiin duuba Hazaa'el addee Ben-hadaadiititti mootii worra Sooriya'aa te'e.
2KI 8:16 Ilmi Ahaabii Yoraam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, ilmi Yoshaafaaxii Yehoraam biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e.
2KI 8:17 Inni yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamatti ti; Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche.
2KI 8:18 Yehoraam intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma maatiin Ahaabii goote karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2KI 8:19 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Daawitiif jedhee, isaa fi sanyii isaa keessaa haga bara baraa mootiin akka hin dhabanne waadaa waan galeeruuf, Yihudaa balleessuu hin barbaanne.
2KI 8:20 Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootii ifii mootonfatte.
2KI 8:21 Maarre Yehoraam garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee Saa'iiritti duule. Worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu marsane; innii fi ajajjooti isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu ammoo, halkaniin ka'anee worra Edoomii lolanee dhoosane bayanee, baqatanee gara mana ifii deebi'ane.
2KI 8:22 Yennaa sanii jalqaddee biyyi Edoomii bulchiinsa Yihuda'aa irratti kaatee finqilte. Liibnaalle yennuma san finqilte.
2KI 8:23 Wonni dhibiin ta mootichi Yehoraam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 8:24 Yehoraam du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame. Ilmi isaa Ahaaziyaan addee isaatitti mootii te'e.
2KI 8:25 Ilmi Ahaabii Yoraam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e.
2KI 8:26 Ahaaziyaan mootii yennaa te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii mootii Israa'elii ti.
2KI 8:27 Ahaaziyaan fuudhaa fi heerumaan maatii Ahaabii woliin waan firoomaneef, karaa maatii Ahaabii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2KI 8:28 Ahaaziyaan Yoraamii ilma Ahaabii woliin mooticha Sooriya'aa Hazaa'el Raamoot-Giili'aaditti loliisaaf dhaqe; worri Sooriya'aa Yoraam madeesse.
2KI 8:29 Mootichi Yoraam madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu Raamootitti madowe san fayyiisaaf gara Yizre'elii deebi'e; ilmi Ahaabii Yoraam waan madoweeruuf, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa gaafatiisaaf Yisre'el dhaqe.
2KI 9:1 Yennaa san raagichi Elsaa'i, miseensa raagotaa keessaa tokko waamee, «Hidha keeti hidhadhuutii, okkotee zayitii ejersaa tana fuudhiitii, Raamoot-Giili'aad deemi.
2KI 9:2 Yennaa achi geette ilma Yoshaafaaxii akaakoo Niimshii Yehuu barbaadi; worra isa woliin jiru biraa qofitti isa baasiitii gara kollo'oo seensisi.
2KI 9:3 Zayitii ejersaa tana mataa isaa irratti naqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: mootii Israa'elii akka teetu ani si muudeera siin jedha› jedhiin. Achiin duuba adoo hin turin, balbala banadhuutii baqadhu» jedhe.
2KI 9:4 Maarre dargaggeessi raagichi Raamoot-Giili'aad dhaqe.
2KI 9:5 Yennaa inni achi geye, ajajjooti loltootaa wolitti qabamanee tee'anuun dhaggee, «Ajaja'a! Ani ergaa sitti himu qaba» jedhe. Yehuun, «Nu keessaa eennutti hinta?» jedhee gaafate. Raagichi, «Ajaja'a, si'itti hima» jedhee deebise.
2KI 9:6 Achiin duuba Yehuun ka'ee mana seene. Raagichi dargaggeessi zayitii ejersaa mataa Yehu'uu irratti naqee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: ‹Kolbaa Mootii Waan Maraa Israa'elii irratti mootii akka teetuuf ani si muudeera.
2KI 9:7 Ani dhiiga tajaajiltoota tiyya raagotaatii fi dhiiga tajaajiltoota tiyya maraa, Iizaabel irratti haluu akka bayu, ati maatii goottaa keeti Ahaabii hin balleessita.
2KI 9:8 Maatiin Ahaabii marti hin baddi; maatii isaa dhiira ka te'e, garba yookiin garba ka hin te'in mara Israa'el keessaa hin balleessa.
2KI 9:9 Maatii Ahaabii akka maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatii, akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiya'aa hin godha.
2KI 9:10 Lafa Yizre'eliititti sareeleen Iizaabel hin nyaatti; nami tokkolle isii hin awwaalu› jedha» jedhee, raagichi dargaggeessi balbala banatee baqate.
2KI 9:11 Yennaa Yehuun gara ajajjoota loltoota goottaa ifii deebi'ee gad baye, isaan keessaa tokkochi, «Wonni marti nageyaa? Namichi maraataan kun maaf gara keeti dhufe?» jedhee gaafate. Yehuun deebisee, «Heci, namichalle, waan inni dubbatulle isinuu hin beettan» jedhe.
2KI 9:12 Isaan deebisanee, «Nutti himi malee, tun dhuga'aa moti» jedhane. Yehuulle, «Wonni inni natti hime, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani akka ati mootii Israa'elii teetuuf si muudeera› siin jedha» naan jedhe.
2KI 9:13 Achiin duuba isaan marti woyaa ifi irraa baafatanee, yaabbannoo Yehuun irra deemu irratti afaneefii, tultullaa afuufaa, qoonqoo ol qabatanee, «Yehuun mooti'i» jedhane.
2KI 9:14 Maarre Yehuun ilmi Yoshaafaaxii akaakoon Niimshii, Yoraam irratti mala dhowe; yennaa san Yoraamii fi namooti Israa'elii marti mootichi Sooriya'aa Hazaa'el Raamoot-Giili'aad akka hin lolle eegiisatti jiraniiyyu.
2KI 9:15 Mootichi Yoraam ammoo madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu loltooti Sooriya'aa isa madeessite san fayyiisaaf Yizre'elitti deebi'eeraayyu; Yehuun, «Kun yaada keessan yoo te'e, nami tokkolle qachaa kana keessaa miliqee bayee, Yizre'el keessatti dubbii tana akka hin dubbanne eega'a» jedhe.
2KI 9:16 Yennaa san Yoraam dhibamee qachaa Yizre'elii keessa waan irkateeruuf, Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa ilaaliisaaf gad bu'e; tanaaf Yehuun garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara qachaa Yizre'elii dhaqe.
2KI 9:17 Eeddichi xelleephoo dalleya Yizre'elii irra jiru, loltooti Yehu'uu dhufaaranuun dhaggee, qoonqoo ol qabatee, «Loltoota dhufiisatti jiranu takka dhagge!» jedhe. Yoraam deebisee, «Abbaa fardaa tokko itti ergiitii, ‹Isin nageyaafuu dhufaartanii?› jedhee gaafatuu ti» jedhe.
2KI 9:18 Abbaan fardaa sun farda irra tee'ee gara Yehu'uu dhaqee, «Mootichi, ‹Nageyaafuu dhufaartanii?› isiniin jedha» jedhee gaafate. Yehuun deebisee, «Ati Nageya irraa maan qadda? Gara duubaa tariitii na hordofi» jedhe. Eedichi xelleephoo irra jiru sun, «Ergantichi isaan bira geyeera; ammoo deebi'ee dhufiisatti hin jiru» jedhee mootichatti hime.
2KI 9:19 Achiin duuba mootichi abbaa fardaa dhibii itti erge; innille gara isaanii dhaqee, «Mootichi, ‹Nageyaafuu dhufaartanii?› isiniin jedha» jedheen. Yehuun deebisee, «Ati Nageya irraa maan qadda? Gara duubaa tariitii na hordofi» jedhe.
2KI 9:20 Eedichi xelleephoo irra jiru sun, «Ergantichi isaan bira geyeera; ammoo deebi'ee dhufiisatti hin jiru; sooressaan loltoota sanii akka nama maraatee garreettaa fardaan harkifamu waan oofuuf, oofiis isaa oofiisa Yehuu ilma Niimshii fakkaata» jedhee mootichatti hime.
2KI 9:21 Mootichi Yoraam, «Garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu naaf qopheessa'a» jedhee ajaje; isaanille qopheessanee, innii fi mootichi Yihuda'aa Ahaaz qofi qofitti garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'anee, gara Yehuu dhaqanee, fichaa Naabotii Yezire'elichaa keessatti isa dhaggane.
2KI 9:22 Yoraam yennaa Yehuu dhagge, «Yehuu! Nageyaafuu dhuttee?» jedhee gaafate. Yehuun deebisee, «Waaqonfatiis waaqota dharaatii fi moruun haadha teeti Iizaabelii haga jirtu nageya maanti jiraa?» jedhe.
2KI 9:23 Yoraam Ahaaziyaa waamee, «Ahaaziya'a! Tun maltumma'a!» jedhee garagalee dheete.
2KI 9:24 Yehuun guubee ifii hunnaan harkisee daaya ceekuu Yoraamii lamaan wodhakka'atti gad lakkisee, onnee isaa woraane; Yoraamille garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessatti jige.
2KI 9:25 Yehuun qarqaarticha ifii Biidkaariin, «Reeffa isaa fuudhiitii fichaa Naabotii Yizre'elichaa keessatti gati. Anii fi ati garreettaa fardaan harkifamu yaabbannee, abbaa isaa Ahaab duubaan deemiisatti jirruun, Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif raaga dubbate san qaabadhu.
2KI 9:26 Mootiin Waan Maraa, ‹Ani kalee dhangala'iisa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa dhaggeera; ani dhugumaan fichuma kana keessatti akka ati haluu baatu hin godha› jedha; tanaaf akka Jecha Mootii Waan Maraatitti, reeffa Yoraamii fuudhiitii fichaa Naabotii keessatti gati» jedhe.
2KI 9:27 Mootichi Yihuda'aa Ahaaziyaan waan te'e kana duudii yennaa dhagge, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu yaabbatee, karaa gara qachaa Bet-haaganii geessu baqate. Yehuun isa ari'ee, «Isalle ijjeesa'a» jedhee ajaje. Isaanille qachaa Yible'aamii biratti karaa tarba Guuriititti garreettaa isaa ka fardaan harkifamu keessatti isa madeessane. Inni ammoo gara qachaa Megidoo baqatee, achitti du'e.
2KI 9:28 Tajaajiltooti isaa reeffa isaa garreettaa fardaan harkifamuun gara Yerusaalemii geessitee, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala abbootii isaatitti isa awwaalte.
2KI 9:29 Ilmi Ahaabii Yoraam mootii Israa'elii te'ee, woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, Ahaaziyaan mootii Yihuda'aa te'e.
2KI 9:30 Yehuun gara Yizire'elii akka dhufe Iizaabel yennaa dhageette, ila ifii kuulattee, mataa ifii dhowattee foddaa manaatiin gad ilaalte.
2KI 9:31 Akkuma Yehuun karra ol seeneen, isiin qoonqoo ol qabattee, «Ee Ziimrii goottaa keeti ijjeette, nageyaafuu dhuttee?» jette.
2KI 9:32 Yehuun gara fodda'aa ol ilaalee, «Nami naa golu eennuu? Eennu ree?» jedhe; yoos guneessoti lama yookiin sad gara isaa gad ilaalane.
2KI 9:33 Yehuulle isaaniin, «Gad isii darba'a!» jedhe. Yennaa isaan gad isii darbane, dhiigi isi'ii gariin dalleya dhaka'aatii fi fardoo irratti faca'e; Yehuun fardoo isii irra oofee, fardoon irra sirbite.
2KI 9:34 Inni gara manaa seenee nyaatee unne; achiin duuba inni, «Dubartittiin abaarantuun tun, intala mootichaa waan teeteef, fuudha'aatii awwaala'a» jedhe.
2KI 9:35 Isaan yennaa isii awwaaliisaaf gad bayane ammoo, buqqii mataa isi'ii, miilaa fi ganaa harka isi'ii malee womaa hin dhaggine.
2KI 9:36 Yennaa isaan waan kana Yehu'utti himane inni, «Kun jecha Mootii Waan Maraa ka karaa tajaajilaa ifii Eliyaasii Tishibeetichaatiin, ‹Lafa Yizre'elii keessatti sareen foon Iizaabelii hin nyaatti.
2KI 9:37 Nami tokkolle: tun Iizaabel jechuu akka hin dandeennetti, reeffi isi'ii akka kosi'ii lafa Yizre'elii keessatti hin gatama› jedhee dubbate» jedhe.
2KI 10:1 Ahaab qachaa Samaariya'aa keessatti ilmaan torbaatama qabaayyu; maarre Yehuun xalayaa barreessee gara qachaa Samaariya'aa, bulchitoota Yizre'liitiif, jaarsole'ee fi worra ijoollee Ahaabii guddisu duudi'iif erge; xalayaan sun,
2KI 10:2 «Ilmaan goottaa keessanii isin bira eega jiraatte, garreettaa fardaan harkifamu, fardoo, meya woraanaatii fi qachaa dalleya dhaka'aatiin marfame eega qabaattane, akkuma xalayaan kun isin geyeen,
2KI 10:3 ilmaan goottaa keessanii keessaa irra caalaa dansaa ka te'ee fi dandeettii ka qabu fila'aatii, addee abbaa isaatitti isa mootii godha'aatii, sanyii goottaa keessaniitiif lola'a!» ka jedhu.
2KI 10:4 Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Moototi lamaan ka dande'anee Yehuu ifi irraa hin dhooggatin, nuuti attam dandeennee isa ifi irraa dhoogganna ree?» jedhane.
2KI 10:5 Maarre itti gaafatamaan mana mootumma'aa, bulchaan qacha'aa, jaarsole'ee fi worri ijoollee guddisu, «Nuuti tajaajiltoota teeti; waan ati nuun jettu mara hin goona; nuuti eennulle mootii hin goonu; waan irra caalaa dansaa sitti fakkaate atinuu godhi» jedhanee ergaa Yehu'utti ergane.
2KI 10:6 Achiin duuba Yehuun, «Isin yoo golii tiyya teetanee, naaf ajajatane, mataa ilmaan goottaa keessanii mura'aatii boru yennaa tana Yizre'elitti gara kiyya fida'aatii kowa'a» jedhee xalayaa lammeesso'oo isaanii barreesse. Yennaa san ilmaan mootichaa torbaatam, sooreyyii qachaa Samaariya'aa worra isaan guddisu bira jirtiiyyu.
2KI 10:7 Yennaa xalayaan isaan dhaqqabe, isaan ilmaan mootichaa torbaatama maraayyuu ijjeesanee, mataa isaanii saaxaraa keessa keyanee, Yizre'elitti gara Yehu'uu ergane.
2KI 10:8 Namichi ergame sun yennaa achi geye, «Isaan mataa ilmaan mootichaa fidaneeran» jedhee Yehu'utti hime. Achiin duuba Yehuun, «Seensuma karra qacha'aatitti addee lamatti tuula'aatii, haga boru ganamaatitti achuma turuu ti» jedhee ajaje.
2KI 10:9 Boruyyaa ganama Yehuun gara seensuma karra qachaa sanii gad bayee, kolbaa achi jirtu mara dura dhaabbatee, «Isin balleessaa hin qaddanu. Mooticha Yoraamitti mala dhowee ka ijjeese ana; worra kana mara ammoo ka ijjeese eennuu?
2KI 10:10 Mootiin Waan Maraa karaa raagicha ifii Eliyaasiitiin waan dubbate waan muummesseef, waan inni marroo sanyii Ahaabii dubbate keessaa takkaalle lafa akka hin buune beeka'a» jedhe.
2KI 10:11 Maarre Yehuun worra sanyii Ahaabii keessaa hafee Yizre'el keessa jiru mara, sooressitoota isaa mara, jaalota isaa maraa fi hayyoota isaa mara, nama tokkolle adoo hin hamburin fixe.
2KI 10:12 Yehuun Yizre'elii ka'ee gara qachaa Samaariya'aa adoo deemuu, addee quttuma tissitootaa yennaa geye,
2KI 10:13 firoota Ahaaziyaa mooticha Yihuda'aa dhaggee, «Isin eennuu?» jedhee gaafate. Isaanille, «Nuuti firoota Ahaaziya'aa ti; maatii mootichaatii fi maatii haadha mootichaa dubbisiisaaf gara Yizre'elii dhaqaarra» jedhane.
2KI 10:14 Yehuun, «Worra kana jiru'uunuu booji'a'a!» jedhee ajaje. Maarre isaan namoota afurtamii lama jiru'uunuu booji'anee boolla Bet-Eqedii biratti fixane; isaan keessaa nama tokkolle hin hamburre.
2KI 10:15 Yehuun achii ka'ee yennaa deeme, ilmi Rekaabii Yonaadaab isa dhaggiisaaf dhufuun, karaa irratti dhaggee, nageya fuudhee, «Akkuma gadhaan kiyya si'iif jiru gadhaan keeti naaf jiraa?» jedhee gaafate. Yonaadaab deebisee, «Eeti'i» jedhe. Yehuun deebisee, «Yoo akkas teete harka kiyya qabadhu» jedheen. Maarre inni harka isaa qabate; Yehuulle isa qarqaaree, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee,
2KI 10:16 «Ana gula koyiitii hinaaffaa ani Mootii Waan Maraatiif qabu ilaal» jedhe. Maarre Yehuun garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee deemane.
2KI 10:17 Yehuun qachaa Samaariya'aa yennaa geye, worra mana mootummaa Ahaabii keessatti hafe mara ijjeese; akkuma Mootiin Waan Maraa raagicha Eliyaasitti dubbate, inni isaan balleesse.
2KI 10:18 Achiin duuba Yehuun kolbaa qachaa Samaariya'aa mara wolitti qabee, «Mootichi Ahaab waaqa Ba'aalii diqquma tajaajile; ani Yehuun ammoo isa caalaa hin tajaajila.
2KI 10:19 Tanaaf amma, raagota Ba'aalii mara, tajaajiltoota isaatii fi hayyoota isaa mara naaf waama'a. Ani ciincaa guddaa Ba'aaliif waan dhikeessuuf, nami tokkolle hin hafin! Nami hafe hin ijjeefama» jedhe. Yehuun ammoo tajaajiltoota Ba'aalii balleessiisaaf mala kana dhowe.
2KI 10:20 Tanaan duuba Yehuun, «Ulfinna Ba'aaliitiif yaa'ii lassa'a!» jedhee ajaje. Maarre isaan lassane.
2KI 10:21 Yehuulle lafa Israa'elii duudi'itti ergaa dabarse; tajaajiltooti Ba'aalii marti tokkolle adoo hin hafin wolitti qabamane; isaan gara galma Ba'aalii seenanee, qacce'ee haga qacce'eetitti guutane.
2KI 10:22 Achiin duuba Yehuun namicha mana woya'aa eeguun, «Tajaajiltoota Ba'aaliitiif woyaa gad baasiif» jedhe. Maarre inni woyaa isaaniif gad baase.
2KI 10:23 Achiin duuba Yehuun, ilma Yonaadaabii Rekaab woliin gara galma Ba'aalii seenee, tajaajiltoota Ba'aaliitiin, «Tajaajiltoota Ba'aalii malee, tajaajiltooti Mootii Waan Maraa isin woliin as akka hin jirre hubadha'aatii ilaala'a» jedhe.
2KI 10:24 Maarre Yehu'uu fi Yonaadaab ciinca'aa fi kennansa gubamu dhibiille Ba'aaliif dhikeessiisaaf gara keessaa seenane; yennaa san Yehuun namoota saddeettama galmaan alatti dhaabbachiisee, «Isin keessaa, namoota ani isinitti kennu keessaa nami tokkolle akka miliqu ka godhe, inni addee nama miliqe sanii hin ijjeefama!» jedhee isaan ifi eeggachiise.
2KI 10:25 Yehuun akkuma kennansa gubamu dhikeessee hobbaaseen, eeddotaa fi qondaaltota loltootaatiin, «Seena'aatii isaan ijjeesa'a! Nami tokkolle hin miliqin!» jedhee ajaje. Maarre isaan shallaaga'aan isaan ijjeesane; eeddotii fi qondaaltoti loltootaa reeffa isaanii mara alatti baasanee gatane. Achiin duuba isaan gara kolloo galma Ba'aalii ta gara keessaa dhaqanee,
2KI 10:26 soodduu woyyittii galma Ba'aalii keessaa gad baasanee gubane.
2KI 10:27 Maarre isaan soodduu woyyittii Ba'aalii caccassanee, galma Ba'aaliille diiganee, haga adhaa mana faalowaa godhatane.
2KI 10:28 Akka kanaan Yehuun waaqonfatiisa Ba'aalii Israa'el keessaa balleesse.
2KI 10:29 Te'uu malee, inni cubbuu Yerobi'aamiin ilmi Nebaatii, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante, ta Israa'elooti Bet'elii fi Daan keessatti akka waaqonfattu godhe san irraa hin deebine.
2KI 10:30 Mootiin Waan Maraa, Yehu'uun, «Ati na duratti waan dansaa gootee, waan ani yaade mara, sanyii Ahaabii irratti waan gooteef, sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhe.
2KI 10:31 Yehuun ammoo seera Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gadhaa tokkochaan hin eeganne; inni cubbuu Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.
2KI 10:32 Bara san Mootiin Waan Maraa lafa Israa'elii dhiphisuu jalqabe. Mootichi Sooriya'aa Hazaa'el lafa Israa'elii,
2KI 10:33 laga Yordaanosii irraa gara baya adu'uu lafa Giil'aadii mara, Baashaan lafa gosi Gaadii, gosi Ruubeniitii fi gosi Minaase'ee keessa le'anu, haga qachaa Aro'erii ka laga Aarnonii qabate.
2KI 10:34 Wonni dhibiin ta Yehuun huje duudi'ii fi jannummaan isaa kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 10:35 Yehuun du'ee, qachaa Samaariya'a keessatti awwaalame; ilmi isaa Yeho'ahaaz addee isaatitti mootii te'e.
2KI 10:36 Yehuun Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa diddamii saddeeti Israa'el irratti mootii te'e.
2KI 11:1 Ilmi isi'ii Ahaaziyaan akka du'e Ataaliyaan yennaa dhageette, kaatee maatii moototaa mara balleessite.
2KI 11:2 Intalti Yoraamii mootichaa, obboleettiin Ahaaziya'aa Yoshebaan ammoo, ilma Ahaaziya'aa Yo'aas, ilmaan moototaa ta ijjeefamu'uuf jiranu keessaa dhossitee baattee, akka inni hin ijjeefanneef, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti Ataaliyaa jalaa dhossite.
2KI 11:3 Woggaa jaaf haga Ataaliyaan mootittii teete, inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti ta isa guddittu woliin dhokatee hafe.
2KI 11:4 Woggaa torbeesso'ootitti ammoo hayyichi Yoyaadaan, ajajjoota dhibbaa ta eeddota mooti'iitii fi ta eeddota mana mootumma'aa maratti ergee, gara Galma Mootii Waan Maraa isaan waansise; achitti isaan woliin gondooroo gondooratee, isaan kakachiiseen duuba, ilma mootichaa isaanitti mudhise.
2KI 11:5 Inni, isaan ajajee, «Wonni isin gootanu: isin worri guyyaa Sanbataa eeddo'oof baatanu, harka sad keessaa harki tokko mana mootumma'aa eeguu ti.
2KI 11:6 Harka sad keessaa harki tokko karra Suurii eeguu ti; harka sad keessaa harki tokko karra eeddoti tuun eedduun duuba jirtu eeguu ti.
2KI 11:7 Isin worri guyyaa Sanbataa badoo eeddoo teessanii fixatane, Galma Mootii Waan Maraa ka mootichi keessa jiru eega'a.
2KI 11:8 Tokko tokkoon keessan meya lolaa keessan qabadha'aatii, adaala mootichaa dhaabbadha'a; eennulle yoo isinitti dhikaate ijjeesa'a; gara mootichi deemu mara isa woliin deema'a» jedhe.
2KI 11:9 Ajajjooti dhibbaa akkuma hayyichi Yoyaadaan isaan ajaje godhane; tokko tokkoon isaaniille worra guyyaa Sanbataatiin eegiisaaf dhaquu fi worra eeddoo fixatee galu fudhatanee, gara hayyichaa dhufane.
2KI 11:10 Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan, ebo'oo fi wontee mooticha Daawitii ka Galma Mootii Waan Maraa keessaa san ajajjoota dhibbaatiif kenne.
2KI 11:11 Eeddoti tokko tokkoon isaanii meya lolaa qabatanee, Galma Mootii Waan Maraa irraa gara kibbaatii haga kaabaa, addee ciinca'aatii fi Galma Mootii Waan Maraa marsanee, mooticha eegiisaaf dhaabbatane.
2KI 11:12 Achiin duuba Yoyaadaan, ilma mootichaa gad baasee kallacha mataa isaa irra keyee, barreeffama Mootiin Waan Maraa marroo moototaatiif waadaa gale dhugaa bayu isaaf kennee, isa muudee mootii te'iisa isaa beessise. Kolbaan harka dhoottee qoonqoo ol qabattee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti!» jette.
2KI 11:13 Mootittiin Ataaliyaan hogaa eeddotaatii fi kolba'aa yennaa dhageette, gara Galma Mootii Waan Maraa addee kolbaan wolitti qabanteertu dhaxxe.
2KI 11:14 Akkuma baratame mootichi utubaa bira dhaabbatee, qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbateeruun dhaggite; kolbaan lafa sanii marti gammadee tultullaa afuufiisatti jirtiiyyu. Achiin duuba Ataaliyaan gadditee woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a!» jettee iyyite.
2KI 11:15 Hayyichi Yoyaadaan, Ataaliyaan Galma Mootii Waan Maraa keessatti akka ijjeefantu waan hin barbaanneef, ajajjoota dhibbaatiin, «Tarree teessan oddu'uu gad isii baasa'a; nama isii gula dhufu mara shallaaga'aan ijjeesa'a» jedhe.
2KI 11:16 Maarre isaan isii qabanee addee fardooleen gara mana mootumma'aa seentu geessanee, achitti isii ijjeesane.
2KI 11:17 Hayyichi Yoyaadaan akka isaan kolbaa Mootii Waan Maraa te'anu, Mootii Waan Maraatii fi mooticha wodhakka'atti, mootichaa fi kolbaa wodhakkaalle'etti gondooroo gondoore.
2KI 11:18 Achiin duuba kolbaan lafa Yihuda'aa marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa caccassite; hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa duratti ijjeette. Hayyichi Yoyaadaan Galma Mootii Waan Maraa akka eeganuuf eeddota itti godhe.
2KI 11:19 Inni ajajjoota dhibbaa, eeddota mooti'ii, eeddotaa fi kolbaa biyya sanii mara fuudhee, isaan woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasee, karaa karra eeddotaatiin gara mana mootumma'aa seensisane. Achiin duuba mootichille barcumaa mootumma'aa irra tee'e.
2KI 11:20 Maarre Ataaliyaan mana mootumma'aa keessatti shallaaga'aan waan ijjeefanteef, kolbaan duudiin gammadde; qachaan sunille nageya dhaggate.
2KI 11:21 Yo'aas yennaa mootii te'e mucaa woggaa torba ti.
2KI 12:1 Yehuun Israa'el irratti mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, Yo'aas mootii Yihuda'aa te'ee, Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama bulche; haati isaa Ziibiyaan nama qachaa Bersheeba'aa ti.
2KI 12:2 Bara hayyichi Yoyaadaan isa gorsaa ture maratti, Yo'aas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.
2KI 12:3 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.
2KI 12:4 Yo'aas hayyootaan, «Beesee kennaa addaa ta namooti gara Galma Mootii Waan Maraa fidanu: beesee laakkossa namaa irraa dhaggante, beesee waada'aatii fi beesee nami fedha ifiitiin kennu mara wolitti qaba'a.
2KI 12:5 Hayyooti tokko tokkonuu, beesee namoota beesee qabatanu irraa fuudhane, addee Galmi Waaqaa caccabee dhaggame deebisanee ittiin haaressanuu ti» jedhe.
2KI 12:6 Hayyooti ammoo Yo'aas mootii te'ee, haga woggaa diddamii sadeesso'ootitti Galma Waaqaa hin haaressine.
2KI 12:7 Tanaaf mootichi Yo'aas hayyicha Yoyaada'aa fi hayyoota dhibii waamee, «Galma Waaqaa ka caccabe maaf haaressuu dhaddane? Addee Galmi Waaqaa caccabe ittiin haaressiisaaf dabarsa'aa kenna'a malee, haganaa achi namoota beesee qabatanu irraa beesee hin fuudhina'a» jedhe.
2KI 12:8 Hayyooti beesee namoota irraa akka hin fuune, Galma Waaqaalle ifiif akka hin haaressine wolii galane.
2KI 12:9 Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan saanduqa tokko fuudhee qadaaddaa isi'ii irratti urata baasee, karaa nami Galma Mootii Waan Maraa seenu gara middaatiin addee ciinca'aa bira keye. Hayyooti seensuma eeddu, beesee namooti gara Galma Mootii Waan fidane mara fuutee, saanduqa keessa keettiiyyu.
2KI 12:10 Beeseen saanduqa keessa akka guutte yennaa dhagganne mara, barreessaan mootichaatii fi hayyichi guddaan dhufanee, beesee Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggante san laakkowanee subbatti naqanee hidhaniiyyu.
2KI 12:11 Beesee san laakkowaneen duuba, namoota itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennan; beesee san Galma Mootii Waan Maraa ijaariisaaf, worra muka bocuuf, worra dhaka'aan mana ijaaruuf,
2KI 12:12 worra dhakaa bocuuf, worra dhakaa muruuf kaffalan. Akkasuma Galma Mootii Waan Maraa ka caccabe deebisanee haaressiisaaf mukaa fi dhakaa bocame bitiisaaf, Galma Mootii Waan Maraa deebisanee haaressiisaaf waan barbaachisu maraaf kaffalaniiyyu.
2KI 12:13 Te'uu malee, beesee Galma Mootii Waan Maraatiif kennante tana, gabataa meeti'ii, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii, tultullaa yookiin meya meetii irraa yookiin worqii irraa hujamu hujiisaaf hin balleessine.
2KI 12:14 Beeseen sun hojjatoota Galma Mootii Waan Maraa deebisanee haaressanuuf kennante.
2KI 12:15 Namooti itti gaafatantoota huji'ii addatamumma'aan waan hujaneef, beeseen hojjattootaaf akka kaffalanu isaanitti kennante sun harka isaaniititti hin toowatanne.
2KI 12:16 Beeseen woreega yakka'aatii fi sababa cubbu'uutiif kennantu, ta hayyootaa waan teeteef gara Galma Mootii Waan Maraa hin fidanu.
2KI 12:17 Yennaa san mootichi Sooriya'aa Hazaa'el qachaa Gaatii lolee qabate; achiin duuba qachaa Yerusaalemii loliisaaf murteeffate.
2KI 12:18 Mootichi Yihuda'aa Yo'aas ammoo, meya abbootiin isaa ta durii moototi Yihuda'aa Yoshaafaax, Yehoraamii fi Ahaaziyaan Galma Mootii Waan Maraatiif adda baasanee woyyoonsane mara, kennansa inni ifumaafuu adda baase, worqii Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessatti dhaggante mara mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliif erge; achiin duuba Hazaa'el Yerusaalem irraa deebi'ee deeme.
2KI 12:19 Wonni dhibiin ta mootichi Yo'aas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 12:20 Qondaaltoti isaa isa irratti kaatee, karaa gara Siilaa gad bu'u irratti Bet-miilo'otti isa ijjeette.
2KI 12:21 Qondaaltoti isaa worri isa ijjeese ilma Shime'aatii Yozaabaadii fi ilma Shomerii Yehozaabaad. Yo'aas du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Amaasiyaan addee isaatitti mootii te'e.
2KI 13:1 Ilmi Ahaaziya'aa Yo'aas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa diddamii sadeesso'ootitti, ilmi Yehu'uu Yeho'ahaaz Israa'el irratti mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee woggaa kudhanii torba bulche.
2KI 13:2 Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san hordofiisaan, Mootii Waan Maraa duratti hujii hantuu huje; inni hujii hantuu san irraa hin deebine.
2KI 13:3 Maarre Mootii Waan Maraa Israa'elootatti guddoo aaree, bara heddu'uuf harka mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliitii fi ilma isaa Ben-Hadaadiititti dabarsee isaan kenne.
2KI 13:4 Achiin duuba Yeho'ahaaz gara Mootii Waan Maraa daadimate; Mootiin Waan Maraalle mootichi Sooriya'aa Israa'eloota akka cunqursiisatti jiru dhaggee, daadimata Yeho'ahaazii dhage'e.
2KI 13:5 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, nama Israa'eloota worra Sooriya'aa jalaa baasu ergeef; Israa'elootille harka worra Sooriya'aa jalaa bayanee akkuma durii nageyaan le'ane.
2KI 13:6 Te'uu malee, isaan cubbuu sanyii Yerobi'aamii ta inni akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine; fakkiin waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, qachaa Samaariya'aa keessaa adoo hin diigamin hatte.
2KI 13:7 Mootichi Sooriya'aa, loltoota Yeho'ahaazii balleessee, akka bukuu yennaa midhaan dhowanu kaatuu waan godheef, abbootii fardaa shantama, garreettaa fardaan harkifamu kudhanii fi loltoota miilaa kuma kudhan malee tokkolle hin hanne.
2KI 13:8 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'ahaaz huje duudi'ii fi jannummaan isaa kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 13:9 Yeho'ahaaz du'ee, Samaariyaa keessatti awwaalame; ilmi isaa Yeho'aash addee isaatitti mootii te'e.
2KI 13:10 Yo'aas Yihudaa irratti mootii te'ee woggaa soddomii torbeesso'ootitti, ilmi Yeho'ahaazii Yeho'aash Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa Israa'el bulche.
2KI 13:11 Innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine.
2KI 13:12 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'aash huje duudi'ii fi jannummaan isaa ta inni mootii Yihuda'aa Amaasiyaa lolelle kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 13:13 Yeho'aash du'ee, qachaa Samaariya'aa keessatti mootota Israa'elii biratti awwaalame; ilmi isaa Yerobi'aam addee isaatitti mootii te'e.
2KI 13:14 Raagichi Elsaa'i dhibee isa ijjeette saniin worwaanatuun, mootichi Israa'elii Yeho'aash isa ilaaliisaaf dhaqee, «Abbaa kiyya! Abbaa kiyya! Ka Israa'eliif garreettaa fardaatii fi abbootii fardaa teete» jedhee isaaf bowe.
2KI 13:15 Elsaa'i mootichaan, «Guube'ee fi daaya fudhadhu» jedhe; Yeho'aashille guube'ee fi daaya fudhate.
2KI 13:16 Achiin duuba Elsaa'i, «Guubee harkatti qabadhu» jedhe. Yennaa inni harkatti qabate, Elsaa'ille harka ifii harka mootichaa irra keye.
2KI 13:17 Achiin duuba Elsaa'i, «Foddaa ka gara aduun baatuu bani» jedhe; innille bane; Elsaa'i, «Daaya darbadhu!» jedhe; mootichi akkuma daaya darbateen, Elsaa'i, «Tun daaya Mootii Waan Maraa ka injifacha'aa ti; inni ka worri Sooriya'aa ittiin injifatamu; ati worra Sooriya'aa qachaa Afeqi'ii keessatti ijjumaa hin balleessita» jedhe.
2KI 13:18 Achiin duuba Elsaa'i mootichaan, «Daayota dhibii fuudhiitii lafa tuttumadhu!» jedhe; innille daayota fuudhee yennaa sad lafa tuttumatee lakkise.
2KI 13:19 Elsaa'i isatti aaree, «Yennaa shan yookiin yennaa jaa adoo lafa tuttumattee jiraatte, worra Sooriya'aa injifattee ijjumaa hin balleessitaayyu; amma ammoo yennaa sad qofa isaan hin injifatta» jedhe.
2KI 13:20 Elsaa'i du'ee awwaalame. Ji'oota birra'aa mara gareen loltoota Mo'aabii lafa Israa'elii seenan.
2KI 13:21 Gaafa tokko Israa'elooti nama du'e awwaaliisatti adoo jiranuu, saamtota worra Mo'aabii dhagganee, reeffa namichaa addee awwaala Elsaa'ii keessatti qolaansane. Reeffi namichaa akkuma lafee Elsaa'ii tuqeen, namichi du'aa ka'ee dhaabbate.
2KI 13:22 Bara mootummaa Yeho'ahaazii mara mootichi Sooriya'aa Hazaa'el Israa'eloota mara cunqurse.
2KI 13:23 Mootiin Waan Maraa ammoo sababa gondooroo Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob woliin godheetiif, isaaniif nayee, mararee isaan qarqaare. Inni haga adhaa isaan hin balleessine yookiin fuula ifii duraa isaan hin fageessine.
2KI 13:24 Mootichi Sooriya'aa Hazaa'el du'ee, ilmi isaa Ben-hadaad addee isaatitti mootii te'e.
2KI 13:25 Achiin duuba ilmi Yeho'aazii Yeho'aash, qachoota Hazaa'el abbaa isaa Yeho'aaz lolee irraa fudhate, ilma Hazaa'elii Ben-hadaad irraa deebifate. Yeho'aash yennaa sad isa injifatee qachoota Israa'elii deebifate.
2KI 14:1 Ilmi Yeho'ahaazii Yeho'aash Israa'el irratti mootii te'ee woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Yo'aasii Amaasiyaan mootii Yihuda'aa te'e.
2KI 14:2 Inni mootii yennaa te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Yo'adaan; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti.
2KI 14:3 Amaasiyaan Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee akka Daawitii abbaa ifii ka durii hin hunye; inni waan mara akka abbaa ifii Yo'aasii huje.
2KI 14:4 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.
2KI 14:5 Amaasiyaan mootummaa ifii jabeeffateen duuba, qondaaltota abbaa isaa mooticha ijjeette san ijjeese.
2KI 14:6 Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko tokkooyyuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne;
2KI 14:7 Amaasiyaan worra Edoomii kuma kudhan dhooqa sooddaa keessatti fixe; inni qachaa «Selaa» jedhamu lolee qabatee, «Yaqti'el» jedhee moggaase; qachaan sun haga adhaalle maquma kanaan waamama.
2KI 14:8 Achiin duuba Amaasiyaan akaakoo Yehu'uu ilma Yeho'aazii gara mooticha Israa'elii, Yeho'aashitti nama ergee, «Koottu me, wol ilaallaa!» jedhee lolaaf waammate.
2KI 14:9 Yeho'aash mootichi Israa'elii ammoo, Amaasiyaa mooticha Yihuda'aatiif deebisee, «Yennaa tokko qoreen Libaanos keessaa, muka hindheensaatiin, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jette nama itti ergite; bineensi Libaanosii tokko ammoo karaa san dhufee, qoree san irra sirbe.
2KI 14:10 Ati dhugumaan worra Edoomii injifatteerta; gadhaa keeti keessatti ifi jajjeerta. Injifachaa dhaggatteen gammadii, mana keeti tee'i; maaniif ifiif jiddee Yihudaalle akka jidduuf tuttuxxee rakkinna ifi irratti fida» jedhe.
2KI 14:11 Amaasiyaan ammoo isa dhage'uu waan dideef, mootichi Israa'elii Yeho'aash loltoota ifii fudhatee, mooticha Yihuda'aa Amaasiya'atti duulee, biyya Yihuda'aa keessatti qachaa Bet-Shemeshiititti isa lole.
2KI 14:12 Loltooti Yihuda'aa loltoota Israa'eliitiin injifatamanee, marti isaanii gara mana ifii baqatane.
2KI 14:13 Mootiin Israa'elii Yeho'aash Bet-Shemeshitti, Amaasiyaa ilma Yo'aasii mootii Yihuda'aa akaakoo Ahaaziya'aa booji'e; achiin duuba inni gara Yerusaalemii dhaqee, dalleya Yerusaalemii ka dhaka'aa karra Efreemiitii haga karra roga dalleyaatitti ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige.
2KI 14:14 Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiruu fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu mara, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e.
2KI 14:15 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'aash huje duudiin, jannummaan isaa ta inni mootii Yihuda'aa Amaasiyaa lolelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 14:16 Yeho'aash du'ee, qachaa Samaariya'aa keessatti mootota Israa'elii biratti awwaalame; Yerobi'aam addee isaatitti mootii te'e.
2KI 14:17 Ilmi Yeho'ahaazii mootichi Israa'elii Yeho'aash du'een duuba, ilmi Yo'aasii mootichi Yihuda'aa Amaasiyaan woggaa kudhanii shan le'e.
2KI 14:18 Wonni dhibiin ta mootichi Amaasiyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 14:19 Amaasiyaa ijjeesiisaaf Yerusaalem keessatti mala itti waan dhowaneef, inni gara qachaa Laakiishiititti baqate; isaan ammoo namoota isa gula erganee achitti isa ijjeesisane.
2KI 14:20 Reeffa isaa fardaan fidanee, qachaa Daawitii Yerusaalem keessatti abbootii isaa ta durii biratti awwaalane.
2KI 14:21 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa ilma Amaasiya'aa Azaariyaa ka woggaan isaa kudha jaa, addee Amaasiyaa abbaa isaatitti isa mootii godhane.
2KI 14:22 Amaasiyaan du'een duuba, Azaariyaan qachaa Elootii deebisee ijaaree, gara biyya Yihuda'aatitti deebise.
2KI 14:23 Ilmi Yo'aasii Amaasiyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, ilmi Yeho'aashii Yerobi'aam mootii Israa'elii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee woggaa afurtamii tokko bulche.
2KI 14:24 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine.
2KI 14:25 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, karaa tajaajilaa ifii Yoonaasii ilma Amiitaayii raagicha Gaat-Hefertiin akkuma dubbatetti, Yerobi'aam meessaa Israa'elii, seensuma gara Haamaatii irraa kaasee, haga Abbaayaa Arabaayii addee duriititti deebise.
2KI 14:26 Nami Israa'el keessaa marti, garbi yookiin nami bilisa te'e akka farriisatti jiranu, nami isaan qarqaarulle akka hin jirre Mootiin Waan Maraa dhagge.
2KI 14:27 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Maqaa Israa'elootaa biyya lafaa irraa ijjumaa hin balleessa» waan hin jedhiniif, inni karaa Yerobi'aamii ilma Yeho'aashiitiin isaan hambure.
2KI 14:28 Wonni dhibiin ta Yerobi'aam huje duudiin, jannummaan isaa ta inni ittiin lole, Damaasqo'oo fi Haamaat ka kutaa biyya Yihuda'aa te'ane Israa'elootaaf attam akka deebise, kitaabaa dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 14:29 Yerobi'aam du'e; addee isaatitti ilmi isaa Zakaariyaas mootii te'e.
2KI 15:1 Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, ilmi Amaasiya'aa Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'e.
2KI 15:2 Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti.
2KI 15:3 Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.
2KI 15:4 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.
2KI 15:5 Mootiin Waan Maraa dhukkuba goga'aa farrisiisaa mooticha Azaariya'atti buuse; inni haga guyyaa du'a ifii dhukkuba san irraa hin fayyine; qofii ifii mana adda te'e keessa le'e; ilmi mootichaa Yotaam mana mootumma'aa irratti itti gaafatamaa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche.
2KI 15:6 Wonni dhibiin ta mootichi Azaariyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 15:7 Azaariyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e.
2KI 15:8 Mootichi Azaariyaas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Zakaariyaas mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, ji'a jaa Israa'el bulche.
2KI 15:9 Inni akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.
2KI 15:10 Ilmi Yaabeshii Shaalum, Zakaariyaas irratti mala dhowee, kolbaa duratti dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.
2KI 15:11 Wonni dhibiin ta mootichi Zakaariyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 15:12 Maarre jechi Mootiin Waan Maraa, «Sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhee Yehu'utti dubbatte muummowe.
2KI 15:13 Mootichi Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Yaabeshii Shaalum mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee ji'a tokko bulche.
2KI 15:14 Ilmi Gaadii Menaahem, Tiizaa irraa Samaariyaa dhaqee, ilma Yaabeshii Shaalum ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.
2KI 15:15 Wonni dhibiin ta Shaalum huje duudiin, malli inni dhowelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 15:16 Yennaa san worri qachaa Tiifsaa karra qacha'aa banuu waan dideef, Menaahem qachaa Tiirza'aatii ka'ee, qachaa Tiifsaa, namoota achi keessa jiranuu fi lafa adaala sanii mara lole; inni isaan injifatee, dubartoota ulfa qaddu duudiille gadhaa isi'ii baqasse.
2KI 15:17 Mootichi Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Gaadii Menaahem mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhan Israa'el bulche.
2KI 15:18 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje; inni bara mootummaa ifii cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.
2KI 15:19 Achiin duuba mootichi Asoorii Tiiglaat-Phileeser ka, «Phul» jedhamu biyya Israa'elii lole; Menaahem qarqaarsa isa irraa dhaggatiisaa fi mootummaa ifii jabeeffatiisaaf, meetii kiiloogiraama kuma soddomii afur Tiiglaat-Phileeseriif kenne.
2KI 15:20 Menaahem meetii mooticha Asooriitiif kennu san, dureeyyii Israa'elii tokko tokkoo isaanii irraa meetii gara giraama dhibba shanii guure. Maarre Tiiglaat-Phileeser biyya san keessa turiisa lakkisee, gara biyya ifii deebi'ee deeme.
2KI 15:21 Wonni dhibiin ta Menaahem huje kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 15:22 Menaahem du'e; addee isaatitti ilmi isaa Pheqaayaan mootii te'e.
2KI 15:23 Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa shantameesso'ootti, ilmi Menaahemii Pheqaayaan mootii te'ee, qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa lama Israa'el bulche.
2KI 15:24 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.
2KI 15:25 Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mala isa irratti dhowee, namoota biyya Giil'aadii shantama woliin, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aatiin marfame, qachaa Samaariya'aa keessatti, Pheqaayaa, Argoobii fi Ariyee ijjeesee; addee Pheqaaya'aatitti mootii te'e.
2KI 15:26 Wonni dhibiin ta Pheqaayaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 15:27 Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shantamii lammeesso'ootitti, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii te'ee qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa diddama Israa'el bulche.
2KI 15:28 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aamii, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine.
2KI 15:29 Bara Pheqaan Israa'el bulchaa ture, mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhufee qachoota Iiyonii, Abeel Bet-Ma'aka'aa, Yaano'aa, Qedeeshii, Hazoorii, lafa Giil'aadii, Galiila'aatii fi Niftaalemii mara fudhatee, namoota booji'e gara Asoorii geesse.
2KI 15:30 Achiin duuba ilmi Uziya'aa Yotaam mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddameesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'aan, ilma Remaaliya'aa Pheqaa irratti mala dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.
2KI 15:31 Wonni dhibiin ta Pheqaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2KI 15:32 Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii Israa'elii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Azaariya'aa Yotaam mootii Yihudaa te'e.
2KI 15:33 Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti.
2KI 15:34 Yotaam akkuma abbaa ifii Azaariya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.
2KI 15:35 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara olii ijaare.
2KI 15:36 Wonni dhibiin ta Yotaam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 15:37 Mootiin Waan Maraa bara san biyya Yihuda'aa irratti, mootii Sooriya'aa Resiinii fi ilma Remaaliya'aa Pheqaan kaasee itti erguu jalqabe.
2KI 15:38 Yotaam du'ee qachaa Daawitii abbaa ifii ka durii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Ahaaz mootii te'e.
2KI 16:1 Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa kudhanii torbeesso'ootitti, ilmi Yotaamii Ahaaz mootii Yihuda'aa te'e.
2KI 16:2 Ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche. Inni akka Daawitii abbaa ifii ka durii Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan sirrii te'e hin hunye.
2KI 16:3 Inni akkuma moototi Israa'elii hujane huje. Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii hujee, ilma ifiituu ibiddaan gubee ciincaa dhikeesse.
2KI 16:4 Ahaaz addee waaqonfanna'aa irratti, qaccee koobotaa irratti, muka banqaaqaa mara jalatti ciincaa dhikeessee, hixaanalle aarse.
2KI 16:5 Mootichi Sooriya'aa Resiinii fi mootichi Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan Yerusaalem loliisaaf duulanee, qachaa san woliin Ahaaz marsane; ammoo isa injifatuu hin dandeenne.
2KI 16:6 Yennaa san mootichi Sooriya'aa Resiin, Yihudoota ari'ee baasee qachaa Elootii Sooriya'aaf deebise. Namooti Edoomii ka Elootitti galane haga adhaalle achi keessa le'an.
2KI 16:7 Mootichi Ahaaz, gara mooticha Asoorii Tiiglaat-Phileeseritti namoota ergee, «Ani tajaajilaa keeti; ilma keetille'e. Koyiitii worra na loliisatti jiranu harka mooticha Sooriya'aatii fi Israa'elii jalaa na baasi» jedhe.
2KI 16:8 Ahaaz meeti'ii fi worqii Galma Mootii Waan Maraa keessaatii fi ta mana mootumma'aa keessaa fuudhee mooticha Asooriitiif erge.
2KI 16:9 Mootichi Asoorii isaaf dhage'ee, Damaasqo'otti duulee qachaa san qabate. Inni mooticha Resiin ijjeesee, namoota qachaa sanii booji'ee gara addee, «Qiir» jedhantuu geesse.
2KI 16:10 Achiin duuba mootichi Ahaaz, mootii Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhaggiisaaf gara Damaasqo'oo dhaqe; inni addee ciinca'aa takka Damaasqoo keessatti dhaggee, fakkii addee ciinca'aa san harkaan hujee, karoora ijaarsa isi'ii mara woliin, hayyicha Uriiya'atti erge.
2KI 16:11 Maarre adoo mootichi Ahaaz hin deebi'in, hayyichi Uriiyaan akka fakkii mootichi Ahaaz Damaasqoo irraa erge saniititti addee ciinca'aa ijaaree fixe.
2KI 16:12 Mootichi Ahaaz Damaasqoo irraa deebi'ee addee ciinca'aa yennaa dhagge, achi irratti ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe.
2KI 16:13 Inni addee ciinca'aa san irratti kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii dhikeessee, kennansa daadhii woyni'ii irratti dhangalaasee, kennansa dhiigaa ka tokkumma'aa irratti fiffixe.
2KI 16:14 Ahaaz addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante, ta addee ciinca'aa haareyaa fi Galma Mootii Waan Maraa wodhakkaa, Mootii Waan Maraa dura jirtu fuudhee, addee ciinca'aa haareya irraa gara kaabaatitti keye.
2KI 16:15 Achiin duuba mootichi Ahaaz, «Kennansa gubamu ka ganamaa, kennansa midhaanii ka galgalaa, kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii ka mootichi fidu, kennansa gubamu, kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka kolbaan lafa sanii marti fiddu, addee ciinca'aa guddittii haareya irratti ciincessi; dhiiga horii ciinca'aaf dhikaatuu, dhiiga ciincaa dhibi'ii maralle addee ciinca'aa san irratti fiffixi. Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante ammoo, akka qajeelcha ittiin gaafadhu naa lakkisi» jedhee Uriiyaa hayyicha ajaje.
2KI 16:16 Hayyichi Uriiyaan waan mootichi Ahaaz isa ajaje mara godhe.
2KI 16:17 Mootichi Ahaaz waan meya irra keyanu ka korboo qabu san irraa waan baxxittii roga afurii buqqisee, gabataa itti dhiqatanulle irraa fuudhe; Waabaa bisaanii ka fakkii korommii sageettuu irraa hujamane irra jiru san irraa gad buusee, hundee dhaka'aa irra keye.
2KI 16:18 Ahaaz mooticha Asoorii gammachiisiisaaf jedhee, waan akka gaaddisaa ka mootichi guyyaa Sanbataa akka jala tee'uuf, Galma Mootiin Waan Maraa keessatti hujame fuudhee baasee, karra seensuma mootichi gara Galma Mootii Waan Maraa ittiin seenulle cufe.
2KI 16:19 Wonni dhibiin ta mootichi Ahaaz huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 16:20 Ahaaz du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Hisqiyaas mootii te'e.
2KI 17:1 Ahaaz mootii Yihuda'aa te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ilmi Ele'aa Hose'a mootii te'ee Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa sagal Israa'el bulche.
2KI 17:2 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje; te'uu malee haga moototi Israa'elii ta isaan duraa hujane hin hunye.
2KI 17:3 Mootiin Asoorii Shalmaaneser Hose'a loliisaaf dhufe; Hose'alle Shalmaaneseritti harka kennatee, isa gabbare.
2KI 17:4 Hose'a mootii Gibxi'ii ka «Soo» jedhamutti, namoota waan ergatee fi akkuma durii wogguma wogga'aan, mootii Asooriitiif gibira waan hin gabbariniif, mootiin Asoorii akka Hose'a isa didate hubate. Tanaaf Shalmaaneser isa qabee mana hidha'aatitti galche.
2KI 17:5 Achiin duuba Shalmaaneser lafa Israa'elii mara lolee, woggaa sad qachaa Samaariya'aa marse.
2KI 17:6 Hose'a mootii te'ee woggaa sagaleesso'ootitti, mootiin Asoorii qachaa Samaariya'aa qabate. Inni Israa'eloota gara Asoorii godaansisee Haalaa keessa, Gozaan keessatti laga Haaborii biraa fi qachoota Miidiyaanii keessa qubachiise.
2KI 17:7 Kolbaan Israa'elii Mootii Waan Maraa Waaqa ifii ka biyya Gibxi'ii keessaa, harka mootii Gibxi'ii jalaa isaan baase waan yakkiteef, tun duudiin teete; isaan waaqota dhibiille waaqonfatanee,
2KI 17:8 aadaa kolbaa biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase hordofanee, aadaa moototi Israa'elii hamooleen hujjelle hordofane.
2KI 17:9 Israa'elooti dhossa'aan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan sirrii hin te'in hujje. Isaan olloota didiqqaa ka xelleephoo fichaa eegatanu qabuutii kaasanee, haga qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabuutitti qachoota ifii mara keessatti, addee waaqonfanna'aa ijaarratane.
2KI 17:10 Isaan koobota maraa fi muka banqaaqaa mara jalatti, soodduu woyyitti'ii fi fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabane.
2KI 17:11 Isaan achitti akkuma kolbaan biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase goote, addee waaqonfanna'aa mara irratti hixaana aarsane; isaan waan hantuu hujanee Mootii Waan Maraa aarsane.
2KI 17:12 Mootiin Waan Maraa, «Waaqota dharaa hin waaqonfatina'a» jedhulle, isaan waaqota dharaa waaqonfatane.
2KI 17:13 Mootiin Waan Maraa karaa raagotaatii fi worra mudhii dhagguutiin kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa, «Karaa hamaa keessan irraa deebi'a'a; ajajaa fi seerata kiyya ka ani abbootii teessan ta duriitiif kennee, karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin isaanitti erge san eegadha'a» jedhee ifi eeggachiiseeraayyu.
2KI 17:14 Isaan ammoo, akkuma abbootii ifii ta durii mataa jabaatanee, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii addatiisa didane malee, isa hin dhageenne.
2KI 17:15 Isaan seerata isaa, gondooroo isaa ta inni abbootii isaanii ta durii woliin gondooree fi waan inni isaan ifi eeggachiise tuffatane; waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofanee, isaanille ka gatii hin qanne te'ane; kolbaa biyya adda addaa ta adaala isaanii hordofanee, Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan godhanu hin godhina'a» jedhee isaan ajajulle, isaan waan Mootiin Waan Maraa isaan dhoogge san godhane.
2KI 17:16 Isaan ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa ifii mara didanee, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante lamaa fi fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu hujatane; urjoota ol-gubba'aa mara waaqonfatanee, waaqa Ba'aaliille tajaajilane.
2KI 17:17 Ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta durraa ibiddaan gubanee ciincaa dhikeessanee, moruu morsiifatane; Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujiisaaf dabarsane ifi kennanee, Mootii Waan Maraa aarsane.
2KI 17:18 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elootatti guddoo aaree, isaan ifi duraa fageessee, gosa Yihuda'aa qofa lakkise.
2KI 17:19 Kolbaan Yihuda'aalle aadaa kolbaa Israa'elii hordotte malee, ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa ifii hin eeganne.
2KI 17:20 Tanaaf Mootiin Waan Maraa sanyii Israa'elii mara jibbee, haga isaan isa duraa badanutti, harka worra isaan saamuutitti dabarsee kennee isaan adabe.
2KI 17:21 Mootiin Waan Maraa Israa'eloota maatii Daawitii irraa gargar yennaa baase, Israa'elooti ilma Nebaatii Yerobi'aam mootii godhatane. Yerobi'aam Israa'elooti akka Mootii Waan Maraa hin hordofanne dokonkorsee, cubbuu guddoo akka isaan hujanu godhe.
2KI 17:22 Mootiin Waan Maraa akkuma karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin dubbate haga isaan ifi duraa fageessetti, Kolbaan Israa'elii cubbuu Yerobi'aam huje san ittuma hujane malee irraa hin deebine. Maarre kolbaan Israa'elii lafa ifii irraa gara Asoorii booji'antee, haga adhaa achi jirti.
2KI 17:24 Mootiin Asoorii qachaa Baabilonii, qachaa Kutaa, qachaa Awaa, qachaa Haamaatii fi qachaa Sefarwaayim keessaa kolbaa fidee, addee kolbaa Israa'elii buusiisaaf, qachoota Samaariya'aa keessa qubachiise. Isaan Samaariyaa fudhatanee qachoota isi'ii keessa le'ane.
2KI 17:25 Isaan yennaa matooma achi qubatane, Mootii Waan Maraa hin waaqonfanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa neenqa itti erge; neenqi sun isaan keessaa garii ijjeese.
2KI 17:26 «Kolbaan ati qachaa Samaariya'aa keessa qussiitte, seera waaqa lafa sanii hin beenne; tanaaf inni neenqa isaan ijjeesu itti erge» jedhanee mootii Asooriititti himane.
2KI 17:27 Achiin duuba mootiin Asoorii, «Hayyoota Samaariyaa keessaa boojitane keessaa tokko achii deebisa'aatii, seera waaqa lafa sanii kolbaa barsiisuu ti» jedhee ajaje.
2KI 17:28 Tanaaf hayyoota isaan Samaariyaa keessaa booji'ane keessaa tokko dhufee Bet'el keessa le'ee, kolbaan attam akka Mootii Waan Maraa waaqonfattu barsiise.
2KI 17:29 Gosi biyya adda addaa, qachoota keessa qubatane keessatti waaqota ifii hujatanee, galma addee waaqonfanna'aa jiru, ka worri Samaariya'aa ijaare keessa keyane.
2KI 17:30 Namooti Baabilonii waaqa dharaa ka «Suukoot-Benot» jedhamu, namooti Kutaa waaqa dharaa ka «Nergaal» jedhamu, namooti Haamaatii waaqa dharaa ka «Ashiimaa» jedhamu hujatane.
2KI 17:31 Namooti Awaa waaqota dharaa ka «Niibhaazii fi Tartak» jedhamanu hujatane; namooti Sefarwaayimii waaqota dharaa ka «Adraamelekii fi Anaamelek» jedhamanuuf ijoollee ifii gubanee ciincaa dhikeessane.
2KI 17:32 Isaan Mootii Waan Maraa waaqonfatane; te'uu malee hayyoota ciincaa addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa tajaajiltulle filatane.
2KI 17:33 Maarre isaan Mootii Waan Maraa waaqonfatane; ammoo akkuma aadaa gosa biyya adda addaa ta hunnaan keessaa isaan fidanee, waaqota ifiille waaqonfatane.
2KI 17:34 Isaan haga adhalle aadaa durii ittuma jiran. Isaan Mootii Waan Maraa hin waaqonfanne yookiin seerata, sirna, seeraa fi ajaja inni sanyii Yaaqoobii ta «Israa'el» jedhee moggaaseef kennelle hin eeganne.
2KI 17:35 Mootiin Waan Maraa yennaa Israa'eloota woliin gondooroo gondoore, «Waaqota dhibii hin waaqonfatina'a; isaaniif hin sagadina'a; isaan hin tajaajilina'a yookiin ciincaa isaaniif hin dhikeessina'a.
2KI 17:36 Ammoo ana Mootii Waan Maraa ka hunna guddo'oo fi irree jaddu'uun biyya Gibxi'ii keessaa isin baase waaqonfadha'a; naaf sagada'a; ciincaalle naaf dhikeessa'a.
2KI 17:37 Seerata, sirna, seeraa fi ajaja ani barreessee isiniif kenne, yennaa mara eegadha'a; waaqota dhibii hin hordofina'a;
2KI 17:38 gondooroo ani isin woliin gondoore hin dedhina'a; waaqota dhibii hin waaqonfatina'a;
2KI 17:39 Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha'a; harka diinota keessan maraa jalaa ka isin baasu ana» jedheera.
2KI 17:40 Te'uu malee isaan aadaa ifii ta durii san ittuma hujane malee, isa hin dhageenne.
2KI 17:41 Maarre gosi biyya adda addaa tun Mootii Waan Maraa waaqonfatte; waaqota dharaa ka ifiille tajaajilane; haga adhaalle ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii akkuma abbootii isaanii ta durii goote godhane.
2KI 18:1 Ilmi Ela'aa Hose'a Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, ilmi Ahaazii Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'e.
2KI 18:2 Hisqiyaas mootii yennaa te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Abiiya'a; isiin intala Zakaariyaasii ti.
2KI 18:3 Inni akkuma abbaan isaa Daawiti huje, Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.
2KI 18:4 Inni addee waaqonfanna'aa diigee, soodduu woyyittii caccassee, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu muree jisse; Israa'elooti haga bara saniititti fakkii bofaa ta Muuseen sageettuu irraa huje saniif hixaana waan aarsaneef, Hisqiyaas fakkii bofaa ta «Nehushtaan» jedhantu sanille caccasse.
2KI 18:5 Hisqiyaas Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliititti addate; mootota Yihuda'aa keessaa, isaan dura yookiin isaan duuballe ta akka isaa hin jirtu.
2KI 18:6 Inni Mootii Waan Maraatiif addatamaa waan te'eef, isa hordofiisa irraa hin deebinne; ajaja Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kennelle eegate.
2KI 18:7 Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiruuf, wonni huju marti isaaf teete; inni mootii Asoorii irratti finqila kaasee, isa tajaajiluu lakkise.
2KI 18:8 Hisqiyaas haga Gaaza'aatii fi lafa adaala isi'iititti, olloota didiqqaa ka xelleephoo fichaa eegatanu qabuutii kaasee, haga qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabuutitti Filisxeemota injifate.
2KI 18:9 Hisqiyaas mootii te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'a mootii Israa'elii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, mootiin Asoorii Shalmaaneser qachaa Samaariya'aatitti duulee marsee,
2KI 18:10 dhuma woggaa sadeesso'ootitti qabate; Hisqiyaas mootii te'ee woggaa jayeesso'ootitti, Hose'a mootii Israa'elii te'ee woggaa Sagaleesso'ootitti, Samaariyaan qabante.
2KI 18:11 Mootiin Asoorii Israa'eloota booji'ee gara Asoorii geessee Haalaa keessa, Gozaan keessatti laga Haaborii biraa fi qachoota Miidiyaanii keessa qubachiise.
2KI 18:12 Israa'elooti Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif ajajamiisa didanee, gondooroo inni isaan woliin gondooree fi seera tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen isaan ajaje mara waan diiganeef tun teete; isaan ajaja hin dhageenne yookiin hin ajajanne.
2KI 18:13 Hisqiyaasii mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib biyya Yihuda'aatitti duulee, qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate.
2KI 18:14 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas gara mootii Asoorii ka qachaa Laakiishii keessa jirutti namoota ergee, «Ani yakkaa hujeera; waan ati na gaafattu mara ani si'iif hin kaffala, maganne'e lola ana irraa dhaabi» jedhe. Mootiin Asoorii meetii kiiloogiraamii kuma kudhanii fi worqii kiiloogiraamii kuma tokko gaafate.
2KI 18:15 Maarre Hisqiyaas meetii Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessatti dhaggantu mara isaaf kenne.
2KI 18:16 Yennaa san Hisqiyaas worqii balbalaa fi mikikkila Galma Mootii Waan Maraatitti gonfeeru san, mootii Asooriitiif kenne.
2KI 18:17 Mootiin Asoorii ajajaa ajajjoota loltootaa, ajajaa hojjatoota mana mootumma'aatii fi ajajaa loltootaa, loltoota hedduu woliin qachaa Laakiishii irraa, gara Hisqiyaasii mooticha Yerusaalem keessa jirutti erge. Isaan Yerusaalem yennaa dhufane, bowii bisaan keessa yaa'u ka baleessa gatiitti'ii, ka karaa gara diida namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbatane.
2KI 18:18 Isaan yennaa Hisqiyaas mootichatti erganee isa waansisane, itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsi'ii ilmi Asaafii Yo'aan gara isaanii gad bayane.
2KI 18:19 Ajajaan loltootaa Hisqiyaasitti isaan ergee, «Mootiin Asoorii guddaan: Ati maan addattee bidhaa malee teetta?
2KI 18:20 Ati ‹Mala lolaatii fi hunna loltootaa qaba› jetta; ammoo afaan qofa. Ati eennu addattee na irratti kaate?
2KI 18:21 Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma» jedhe.
2KI 18:22 Itti dabalee, «Isin, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jettane, Hisqiyaas, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Yerusaalem keessatti addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› yennaa jedhee, addee waaqonfanna'aatii fi addeen ciinca'aa ta inni balleesse, ta Mootii Waan Maraatii motii ree?
2KI 18:23 Amma koyiitii goottaa kiyya mootii Asoorii woliin wol morki; namoota farda irra tee'anee loluu dande'anu abbootii fardaa yoo qabaatte, ani fardoo kuma lama si'iif hin kenna.
2KI 18:24 Ati garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ka worra Gibxi'iititti addattulle, tajaajiltoota goottaa kiyyaa keessaa ka guddoo diqqa'aatuu ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu.
2KI 18:25 Ani biyya tana fedha Mootii Waan Maraatiin ala lolee balleessiisaaf dhufe seetaa? Mootii Waan Maraatittuu, ‹Biyya tanatti duuliitii balleessi› anaan jedhe» jedhe.
2KI 18:26 Achiin duuba ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, Shebnaa fi Yo'aan, ajajaa loltootaatiin, «Kolbaan dalleya dhaka'aa irra jirtu hin dhageettii, afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin; nuuti waan beennuuf, afaan worra Aaramiitiin nu tajaajiltoota teetitti dubbadhu» jedhane.
2KI 18:27 Inni deebisee, «Goottaan kiyya dubbii tana goottaa keessanii fi isin qofatti akka dubbadhuuf na erge isinitti fakkaataa? Namoota dalleya dhaka'aa irra jiranu, worra akkuma keessan udaan ifii nyaatu'uu fi fincaan ifii unu'uu jiruuf, akka dubbadhuuf na ergee motii ree?» jedhe.
2KI 18:28 Achiin duuba ajajaan loltootaa sun dhaabbatee, qoonqoo ol qabatee afaan Ibrootaatiin, «Dubbii mootii guddaa Asoorii dhage'a'a!
2KI 18:29 Mootichi, ‹Hisqiyaas harka kiyyaa isin baasuu waan hin dandeenneef, inni isin hin sobin› jedha.
2KI 18:30 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa dhugumaan nu hin baasa; qachaan kunille harka mootii Asooriititti dabarfamee hin kennamu› jedhee Mootii Waan Maraatitti akka addattanu isin hin godhin.
2KI 18:31 Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii: Na woliin araarama'aatii, gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaan keessanii keessaa bisaan hin untan.
2KI 18:32 Tun haga ani dhufee lafa ta akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii, lafa zayitii ejersaatii fi lafa dammaatitti isin geessutti teeti. Maarre isin du'a adoo hin te'in jiruu filadha'a; Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa nu hin baasa jedhiisaan yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a.
2KI 18:33 Waaqota gosa biyya adda addaa keessaa, lafa ifii harka mootii Asoorii jalaa ka baase jiraa ree?
2KI 18:34 Waaqoti Haama'aatii fi Arphaadii eessa jiran ree? Waaqoti Sefarwaayimii, waaqoti Hena'aatii fi Iiwaa eessa jiran ree? Isaan qachaa Samaariya'aa harka kiyyaa baasaneeranii ree?
2KI 18:35 Waaqota biyyoota tanaa mara keessaa, lafa ifii harka kiyyaa ka baasuu dande'e kam ree? Eegasuu Mootiin Waan Maraa attam Yerusaalem harka kiyyaa baasuu dande'a ree?» jedhe.
2KI 18:36 Mootichi Hisqiyaas, «Deebii isaaf hin kennina'a» jedhee waan isaan ajajeeruuf, kolbaan cadhitte; waan tokkolle hin deebinne.
2KI 18:37 Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi itti gaafatamaan galmee mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane.
2KI 19:1 Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddaalle uffatee gara Galma seene.
2KI 19:2 Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worri jaarsolee te'ane, woyaa gaddaa uffatanee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii akka dhaqanu erge.
2KI 19:3 Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti.
2KI 19:4 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti dubbii ajajaan loltootaa Rabshaaqeen goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana mara dhage'ee, isa hin adaba fa te'aa, nu worra diqqaa lubbu'uun hanneef daadimadhu› jedha» jedhane.
2KI 19:5 Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane,
2KI 19:6 inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii, na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin.
2KI 19:7 Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee, gara biyya ifii deebi'u isa godhu, isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii goottaa keessanitti hima'a» jedhe.
2KI 19:8 Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge.
2KI 19:9 Mootiin Gibxi'ii Tiirhaaqaan nami biyya Itoophiya'aa akka isa loliisaaf dhufaaru, Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasii mooticha Yihuda'aatitti namoota ergee,
2KI 19:10 «Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti, dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin.
2KI 19:11 Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa?
2KI 19:12 Waaqoti gosa biyya adda addaa, ka abbootiin tiyya ta durii balleessite, waaqoti qachoota Gozaanii, Kaaraaniitii fi Rezeefii, waaqoti kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu, isaan baasaneeranii ree?
2KI 19:13 Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe.
2KI 19:14 Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirse.
2KI 19:15 Inni daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduun gubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; lafaa fi ol-gubbaa daddeerta.
2KI 19:16 Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i.
2KI 19:17 Ee Mootii Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii dhugumaan balleessaneeran;
2KI 19:18 waaqoti isaaniille, dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane malee, waaqota waan hin te'iniif gubanee balleessane.
2KI 19:19 Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe.
2KI 19:20 Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif gara kiyya daadimatte dhage'eera jedha.
2KI 19:21 Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif: «‹Ee Senaaheriib, kolbaan Xiyoonii si tuffattee sitti murgiti. Si'ii baqatiisatti jirtuun kolbaan Yerusaalemii si duubaan sitti kolliti.
2KI 19:22 Ka ati arrassitee fi ka ati faanshessite eennu? Ati eennu irratti barooddee ila teeti baache? Ana Waaqa woyyicha Israa'elii irratti motii?› jedha.
2KI 19:23 Ati karaa ergantoota teetiitiin, Mootii Waan Maraa irratti murgitee, ‹Ani garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu heddu'uun gara qaccee gaarotaatitti, qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera; qaccee gaarota sanii irraa hindheensa dhedheera'aa fi birbirsa dadansaa jijjisseera; gongomaa keessa fagaadhee ciggaa seeneera.
2KI 19:24 Biyya ormaa keessatti boolla bisaanii qotee, bisaan achii uneera; faana miila kiyyaatiin lagoota Gibxi'ii mara gosseera› jette.
2KI 19:25 «Mootiin Waan Maraa, Waan amma te'e kana akka ani qopheesse, bara heddu'uun dura karoora akka baase, qachoota dalleya dhaka'aa qabanu akka ati butuchitu, tuulaa kosi'iille akka ati isaan gootu, akka ani godhe ati hin dhageennee?
2KI 19:26 Kolbaan qachoota san keessa leetu hunna dhaddee, sodaattee qaanotteerti; akka lattuu diida keessaa yookiin akka marra bisile'ee, akka marra mana irratti latee adoo hin guddatin qilleensaan qooree te'aneeran.
2KI 19:27 «Ani ammoo ka'aa fi teessoo teeti, bayaa fi gala keeti, aari'iin na irratti ka'iisa keeti beekeera.
2KI 19:28 Ati aari'iin na irratti waan kaateef, kooriisa keetille waan dhage'eeruuf, ani saganaa kiyya funnaan keetitti, bixaala kiyya afaan keetitti keyee, karuma dhutte si deebisa» jedhe.
2KI 19:29 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, ee, Mooticha Hisqiyaas, «Tun beessisa si'iif hin teeti: baranaa fi bara dhufu midhaan ifumaan latee guddatu hin nyaatta; woggaa sadeesso'oo ammoo midhaan facaattee hin haammatta yookiin muka woyni'ii dhaabbattee midhaan isi'ii hin nyaatta.
2KI 19:30 Sanyii Yihuda'aa keessaa worri miliqee hafe, akka muka hidda gad yaafatee midhaan buusuu, ijoollee hedduu hin horan.
2KI 19:31 Worri Yerusaalem keessaa fi gaara Xiyoonii irratti hafane hin dhufan; hinaaffaan Mootii Waan Maraa ka waan mara dande'uu tana hin gooti.
2KI 19:32 «Tanaaf Mootiin Waan Maraa marroo mootii Asooriitiif: «Inni qachaa kana hin seenu yookiin daaya as itti hin darbatu. Wontee qabatee itti hin dhikaatu yookiin yaabbannoo midhaaffatee hin seenu.
2KI 19:33 Inni karuma dhufe deebi'a malee, qachaa kana hin seenu.
2KI 19:34 « ‹Ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega; hin hamburalle'e› jedheera» jedhe.
2KI 19:35 Halkanuma san ergamaan Mootii Waan Maraa gara addee quttuma worra Asoorii dhaqee, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane.
2KI 19:36 Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee, gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e.
2KI 19:37 Gaafa tokko inni galma waaqa ifii keessa seenee, waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e.
2KI 20:1 Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.
2KI 20:2 Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee,
2KI 20:3 «Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe.
2KI 20:4 Isaayaas achii gad bayee, badhinna mana mootumma'aa ka wodhakka'aa adoo hin dabarin jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee,
2KI 20:5 «Deebi'iitii Hisqiyaasii kolbaa tiyya sooressuun, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera. Ani si hin fayyisa; guyyaa sadeesso'oo gara Galma Mootii Waan Maraa ol hin baata;
2KI 20:6 bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a; si'ii fi qachaa kanalle harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega› jedhiin» jedhe.
2KI 20:7 Achiin duuba Isaayaas tajaajiltoota mootichaatiin, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii fida'aa iita isaa irra keya'aaf» jedhe; isaanille akkuma ajajamane godhane; Hisqiyaasille fayye.
2KI 20:8 Mootichi Hisqiyaas, «Mootiin Waan Maraa akka na fayyisuu fi guyyaa sadeesso'oo akka gara galma Mootii Waan Maraa ol bayu beessisi maan?» jedhee, Isaayaas gaafate.
2KI 20:9 Isaayaas deebisee, «Gaaddis yaabbannoo kudhan gara duraa deemuu ti moo yaabbannoo kudhan gara duubaa deebi'uu ti? Mootiin Waan Maraa waadaa gale ka muummessu akka te'e, beessisi inni si'iif kennu kana» jedhe.
2KI 20:10 Hisqiyaasille, «Gaaddis yaabbannoo kudhan gara duraa deemiisi kasoo waan te'eef, yaabbannoo kudhan gara duubaa deebi'uu ti» jedhe.
2KI 20:11 Achiin duuba Isaayaasiin raagichi gara Mootii Waan Maraa daadimate; Mootiin Waan Maraalle yaabbannoo Akaaz huje irra, yaabbannoo kudhan gaaddis gara duubaa akka deebi'u godhe.
2KI 20:12 Yennaa san mootiin Baabilonii ilmi Baladaanii Merodaak-Baladaan, Hisqiyaas dhibamee akka fayye dhage'ee, xalaya'aa fi kennansa isaaf erge.
2KI 20:13 Hisqiyaas ergantoota san gammadaan fudhatee, karra mana karri mootumma'aa keessatti kuufame keessa jirtu mara meetii, worqii, uddowaa adda addaa, fiqiree gatii guddo'oo, mana meya woraanaa ka karra mana mootumma'aatii fi karra mootummaa isaa keessatti dhaggantu mara tokkolle adoo hin hamburin isaanitti mudhise.
2KI 20:14 Achiin duuba raagichi Isaayaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee, «Worri kun maan si'iin jedhane? Isaan eessaa dhufane?» jedhee gaafate. Hisqiyaas deebisee, «Isaan biyya fago'oo Baabilon irraa dhufane» jedhe.
2KI 20:15 Maarre Isaayaas, «Isaan mana mootumma'aa keeti keessatti maan dhaggane?» jedheen. Hisqiyaas deebisee, «Isaan waan mana mootumma'aa kiyya keessaa mara dhagganeeran; karra tiyya keessaa wonni ani isaanitti hin mudhisin tokkolle hin jiru» jedhe.
2KI 20:16 Achiin duuba Isaayaas mootichaan, «Jecha Mootii Waan Maraa dhage'i!
2KI 20:17 Mootiin Waan Maraa, ‹Karri mana mootummaa teeti keessaatii fi karri abbootiin teeti ta durii haga adhaa wolitti qabatte marti gara biyya Baabilonii guyyaan fudhatamanu hin dhufa; wonni tokkolle si'iif hin hafu.
2KI 20:18 Ilmaan teeti ta uumattu keessaa gariin fudhatamanee, mana mootummaa mootii Baabilonii keessatti guneessota te'anee hin tajaajilan› jedha» jedhe.
2KI 20:19 Achiin duuba Mootichi Hisqiyaas, «Haga ani jiru nageennii fi gabbiin hin te'a» jedhee waan yaadateef, Isaayaasiin «Jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dansa'a» jedhe.
2KI 20:20 Wonni dhibiin ta mootichi Hisqiyaas huje marti, hujiin jannummaa isaa, baleessa bisaanii attam akka baasee fi karaa bisaan lola'u baqassee gara qacha'aa attam akka fide, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 20:21 Hisqiyaas du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Minaaseen mootii te'e.
2KI 21:1 Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Hefziiba'a.
2KI 21:2 Inni akkuma kolbaa biyya adda addaa ta waan battii hujjeen Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, aadaa battittii hordofee Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2KI 21:3 Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Ahaab godhe, innille Ba'aaliif addee ciinca'aa ijaaree, fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu huje. Inni urjoota ol-gubba'aatiif sagadee, isaanille waaqonfate.
2KI 21:4 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Ani Yerusaalem keessatti hin waaqonfama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare.
2KI 21:5 Badhinna Galma Waaqaa lamaanuu keessatti, urjoota ol-gubba'aa mara waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare.
2KI 21:6 Inni ilma ifiituu ciincaa dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu irraa gorsa gaafatee, Mootii Waan Maraa duratti waan akka malee hantu'uu hujee akka Mootiin Waan Maraa aaru godhe.
2KI 21:7 Inni fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu ka huje san Galma Mootii Waan Maraa, ka Mootiin Waan Maraa Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem addee gosa Israa'elii mara keessaa filadhe keessa, maqaan kiyya haga bara baraa hin jiraata. Kolbaan Israa'elii ajaja kiyyaa fi Seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne mara yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan joonjanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye.
2KI 21:9 Minaaseen isaan dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase caalaa, waan hantuu hujane malee Mootii Waan Maraa hin caqanne.
2KI 21:10 Mootiin Waan Maraa karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin,
2KI 21:11 «Mootiin Yihuda'aa Minaaseen cubbuu battittii tana hujeera; inni worra Amoorotaa ka isa dursanu caalaa waan hamaa hujee, waaqota dharaa ifiitiin kolbaan Yihuda'aa akka cubbuu hujju godheera.
2KI 21:12 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani balaa hamaa ka nami dhage'u marti rifatu, Yerusaalemii fi Yihudaa irratti hin fida.
2KI 21:13 Akkuma qachaa Samaariya'aatii fi mootii Israa'elii Ahaab sanyii isaa woliin adabe, Yerusaalemille hin adaba. Akkuma nami qorii haxowee gad gombisu, anille Yerusaalem haxowee gad hin gombisa.
2KI 21:14 Kolbaa tiyya ta badii irraa hatte, harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaan diinota ifii maraan booji'amanee hin saamaman.
2KI 21:15 Isaan bara abbootiin isaanii ta durii biyya Gibxi'iitii baateen jalqabanee, haga adhaatitti ila tiyya duratti cubbuu hujanee, akka ani aaru waan godhaneef, ani tana isaan irratti hin godha› jedha» jedhe.
2KI 21:16 Minaaseen kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa duratti cubbuu akka hujju ta godhe caalaa, Yerusaalem qacce'ee haga qacce'eetitti dhiiga worra yakkaa hin qanne heddu'uu dhangalaase.
2KI 21:17 Wonni Minaaseen huje ta dhibi'ii fi cubbuun inni huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 21:18 Minaaseen du'ee, oorruu mana mootummaa ifii keessatti, addee oorruu Uza'aatitti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Amooni mootii te'e.
2KI 21:19 Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemeeti; isiin intala Haaruzii nama qachaa Yoxbaa ti.
2KI 21:20 Innille akkuma Minaasee abbaa ifii, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2KI 21:21 Inni karaa abbaa ifii mara hordofee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate waaqonfatee, isaaniifille sagade.
2KI 21:22 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkise; karaa Mootii Waan Maraalle hin hordonne.
2KI 21:23 Tajaajiltooti Amoonii mala isa irratti dhoottee, mana mootumma'aa keessatti isa ijjeette.
2KI 21:24 Achiin duuba Kolbaan lafa sanii worra Amoonii mooticha irratti mala dhowe mara ijjeettee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii goote.
2KI 21:25 Wonni dhibiin ta Amooni huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 21:26 Amooni addee awwaala ifii oorruu Uza'aa keessatti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yosiyaas mootii te'e.
2KI 22:1 Yosiyaas yennaa mootii te'e nama woggaa saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa soddomii tokko bulche. Maqaan Haadha isaa Yidiida'a; isiin intala Adaayaa nama qachaa Bozqaa ti.
2KI 22:2 Yosiyaas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; inni karaa abbaa ifii Daawitii mara hordofee, middaa fi bitaa irraa hin gorre.
2KI 22:3 Yosiyaas mootii te'ee, woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, barreessaa mana mootumma'aa akaakoo Meshulaamii ilma Azaaliya'aa Shaafaan gara Galma Mootii Waan Maraa ergee,
2KI 22:4 «Gara Hilqiiyaa hayyicha gudda'aa dhaqiitii, ‹Beesee eeddoti karra Galma Mootii Waan Maraa, kolbaa irraa guurtee, gara Galma Mootii Waan Maraa fidde akka inni laakkowu godhi.
2KI 22:5 Eeddoti sun beesee san itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennanuu ti; isaanille worra Galma Mootii Waan Maraa haaressuuf,
2KI 22:6 worra muka bocuuf, worra dhaka'aan ijaaruu fi worra dhakaa bocuuf kaffalanuu ti; akkasuma Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf mukaa fi dhakaa bocame ittiin bitanuu ti.
2KI 22:7 Isaan ka addatamane waan te'aneef, beesee isaanitti kennante hin qorqorina'a› jedhiitii itti himi» jedhe.
2KI 22:8 Hayyichi guddaan Hilqiiyaan, barreessaa mana mootumma'aa Shaafaaniin, «Kitaaba Seeraa Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggeera» jedhee, kitaaba san Shaafaanitti kenne; Shaafaanille irraa fuudhee dubbise.
2KI 22:9 Achiin duuba barreessaan Shaafaan gara mootichaa dhaqee, «Tajaajiltooti teeti beesee Galma Mootii Waan Maraa keessa jirtu fuutee, itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kenniteerti» jedhee itti hime.
2KI 22:10 Achiin duuba barreessaan Shaafaan mootichaan, «Hayyichi Hilqiiyaan kitaaba tokko natti kenneera» jedhee, qoonqoo ifii ol qabatee kitaaba san mootichaaf dubbise.
2KI 22:11 Mootichi dubbii kitaaba seeraa keessaa dubbifante yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase.
2KI 22:12 Achiin duuba mootichi hayyicha Hilqiiyaa, ilma Shaafaanii Ahiiqaam, ilma Miikaaya'aa Akbor, barreessaa Shaafaanii fi tajaajilaa mootichaa Asaayaa ajajee,
2KI 22:13 «Abbootiin teenna ta durii jecha kitaaba kana keessaatiif waan hin ajajaminiif, waan achi keessatti nu'uuf barreeffame mara waan hin hujiniif, Mootiin Waan Maraa guddoo nutti aareera; marroo jecha kitaaba dhaggame kanaa anaaf, kolba'aaf, kolbaa Yihuda'aa maraafille jedha'aatii Mootii Waan Maraa gaafadha'a» jedhe.
2KI 22:14 Maarre Hayyichi Hilqiiyaan, Ahiiqaam, Akbor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raagitti'ii gaafatiisa dhaqane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Tiiqiwa'aa akaakoo Harhaasii ka uffana eeguu ti; isiin kutaa qachaa Yerusaalemii haareya keessa leeti.
2KI 22:15 Isiin isaaniin, «Dhaqa'aatii waan Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii jedhu namicha isin gara kiyya ergetti hima'a.
2KI 22:16 Mootiin Waan Maraa, ‹Ani balaa kitaaba mootiin Yihuda'aa dubbise keessatti barreeffame mara addee tanaa fi kolbaa addee tanaa irratti hin fida.
2KI 22:17 Isaan na lakkisanee waaqota dhibi'iif hixaana aarsanee, waaqota dharaa ka harki isaanii hujeen akka ani aaru waan godhaneef, aariin tiyya addee tana irratti hin bobeetti; hin dhaantulle'e› jedhe.
2KI 22:18 Mootii Yihuda'aa akka isin Mootii Waan Maraa gaafattanuuf ka isin ergeen ammoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ‹Dubbii dhageette saniif,
2KI 22:19 biyyi tunii fi kolbaan biyya tanaa akka badduu fi akka abaarantu ta ani dubbadhe yennaa dhageette, gadhaan keeti tuqamee Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaddee, gadditee woyaa teeti tarsaattee, na duratti waan bootteef, anille si'iif dhage'eera.
2KI 22:20 Tanaaf balaa ani addee tana irratti fidu mara adoo hin dhaggin, akka addee dhuga'aatitti galtu si hin godha; nageyaan hin awwaalanta› jedheera» jette. Maarre isaan deebi'anee ergaa tana mooticha Yosiyaasitti himane.
2KI 23:1 Mootichi Yosiyaas jaarsolee Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara wolitti waame.
2KI 23:2 Inni kolbaa Yihuda'aa mara, worra qachaa Yerusaalemii keessaa mara, hayyootaa fi raagota mara, kolbaa mara diqqa'aa fi guddaa woliin gara Galma Mootii Waan Maraa ol baye. Jecha kitaaba Gondooro'oo ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggame keessa jiru mara akka isaan dhage'anu dubbise.
2KI 23:3 Mootichi Mootii Waan Maraa hordofiisaaf ajaja isaa, seerata isaatii fi seera isaa gadhaa tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin eegatiisaaf, gondooroo kitaaba kana keessatti barreenfante jabeessiisaaf, utubaa bira dhaabbatee Mootii Waan Maraa duratti gondoore. Achiin duuba kolbaan marti gondooroo sanitti wolii galane.
2KI 23:4 Mootichi Yosiyaas meya Ba'aaliif, waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi urjoota ol-gubba'aa maraaf hujame mara Galma Mootii Waan Maraa keessaa akka baasanu, hayyicha guddaa Hilqiiyaa, hayyoota hayyicha gudda'atti aananuu fi eeddota karra Galma Mootii Waan Maraa ajaje. Inni meya san duudii qachaa Yerusaalemiitiin alatti diida dhooqa Qedroonii keessatti gubee, daadhaa gara qachaa Bet'elii geesse.
2KI 23:5 Inni hayyoota waaqota dharaatiif addee Waaqonfanna'aa ta qachoota Yihuda'aatii fi adaala Yerusaalemii irratti hixaana akka aarsanuuf, akkasuma Ba'aaliif, adu'uuf, ji'aaf, tuuta urjootaatii fi urjoota ol-gubba'aa maraaf hixaana akka aarsanuuf worra moototi Yihuda'aa filatane duudii ari'e.
2KI 23:6 Fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu Galma Mootii Waan Maraa keessaa baasee, qachaa Yerusaalemiitiin alatti gara diida dhooqa Qedroonii geessee achitti gube; achiin duuba daakee bulleessee, daadhaa san awwaala namootaa irratti bittinneesse.
2KI 23:7 Inni kolloo dhiira wol bukkoonsituuf Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujantee fi ta dubartooti gollaa waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuuf keessatti suqaa suxxu diigee balleesse.
2KI 23:8 Yosiyaas hayyoota mara qachoota Yihuda'aa keessaa fidee, biyya Geba'iitii haga Bersheeba'aatitti, addee waaqonfanna'aa ta hayyooti hixaana irratti aarsitu mara batteesse. Inni addee waaqonfanna'aa, ta seensuma gara karra Iyaasuu bulchaa qacha'aa biraa, ta seensuma karra qacha'aa irraa gara bita'aa jiranulle diige.
2KI 23:9 Hayyooti addee waaqonfanna'aa tajaajilanu sun addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa ta Yerusaalem keessaa irratti ciincaa dhikeessuu dhabanulle hayyoota firoottan ifii woliin daabboo uukoo hin qanne nyaatane.
2KI 23:10 Mootichi Yosiyaas nami tokkolle ilma ifii yookiin intala ifii ciincaa godhee, waaqa Moleekiitiif akka hin dhikeessineef, addee ciinca'aa ta «Toofet» jedhantu ta dhooqa Hiinomii keessa jirtu batteesse.
2KI 23:11 Inni fakkii fardo'oo ta moototi Yihuda'aa seensuma Galma Mootii Waan Maraa dura, waaqonfannaa adu'uutiif adda baasane mara balleesse; fardoon sun badhinna mana qondaalticha, «Naataan-Melek» jedhamu bira jirtiiyyu; Yosiyaas garreettaa tajaajila adu'uutiif adda baafamane gube.
2KI 23:12 Addee ciinca'aa ta moototi Yihuda'aa kolloo mana irraa ta mooticha Ahaazii irratti ijaaranee fi addee ciinca'aa ta mootichi Minaaseen badhinna Galma Mootii Waan Maraa san lamaanuu keessatti ijaare, mootichi Yosiyaas diige; inni addee ciinca'aa san butuchee, bututaa san dhooqa Qedrooniititti gate.
2KI 23:13 Mootichi Yosiyaas addee waaqonfanna'aa ta mootiin Israa'elii Solomoon, qachaa Yerusaalemii irraa gara aduun baatutti, kooba badi'ii irraa gara kibbaatitti, waaqa dharaa Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuuf, waaqa dharaa Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf ijaarelle batteesse.
2KI 23:14 Mootichi Yosiyaas soodduu woyyittii caccassee, fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu muree jissee, addee san lafee namootaatiin guute.
2KI 23:15 Inni addee ciinca'aa ta Bet'el keessaa, addee waaqonfanna'aa ta ilmi Nebaatii Yerobi'aam ijaaree Israa'eloota cubbuu hujisiise diigee butuchee gube; fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuulle gube.
2KI 23:16 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa nama Waaqaatiin dursee dubbatetti, Yosiyaas garagalee yennaa ilaale, addee awwaalaa koobota irra jirtu dhaggee namoota ergee, lafee addee awwaalaa san keessa jirtu baasisiisee, addee ciinca'aa irratti gubee, addee ciinca'aa san batteesse.
2KI 23:17 Achiin duuba inni, «Addeen awwaalaa sun ta eennuu ti?» jedhe. Kolbaan qachaa Bet'elii deebittee, «Addeen awwaalaa sun ka nama Waaqaa lafa Yihuda'aatii dhufee ti; inni waan ati amma addee ciinca'aa tana irratti goote ka dursee dubbate» jette.
2KI 23:18 Yosiyaasille, «Eennulle lafee isaa hin tachoosin» jedhe. Maarre isaan lafee isaatii fi lafee raagicha lafa Samaariya'aatii dhufee lakkisane.
2KI 23:19 Mootichi Yosiyaas akkuma Bet'elitti godhe, galma addee waaqonfanna'aa, ta moototi Israa'elii qachoota Samaariya'aa keessatti ijaaranee, akka Mootiin Waan Maraa aaru godhane mara diige.
2KI 23:20 Inni hayyoota addee waaqonfanna'aa tajaajiltu mara addee ciinca'aa irratti qalee, addee ciinca'aa san irratti lafee namaa gube. Achiin duuba gara Yerusaalemii deebi'e.
2KI 23:21 Mootichi Yosiyaas, «Akkuma kitaaba Gondooro'oo keessatti barreeffante, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif Jila Irra Dabaramaa jilisa'a» jedhee kolbaa mara ajaje.
2KI 23:22 Bara abbootiin mura'aa Israa'el sooressitee jalqabee, haga bara mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessatti Jilti Irra Dabaramaa ta akkasii jilifantee hin beettu.
2KI 23:23 Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti ammoo Jilti Irra Dabaramaa tun Mootii Waan Maraatiif Yerusaalem keessatti jilifante.
2KI 23:24 Seerri Hilqiiyaan hayyichi guddaan, kitaaba Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhagge keessatti barreeffame akka muummowuuf, Yosiyaas worra ekeraa dubbisu, waaqota maati'ii, waaqota dharaatii fi waan battii dhibii maralle, lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessaa balleesse.
2KI 23:25 Akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffante, gadhaa tokkochaan, lubbuu takkatti'iin, hunna takkatti'iin gara Mootii Waan Maraa ka deebi'e, mootiin akka Yosiyaasii, isaan dura yookiin isaan duubaa hin dhagganne.
2KI 23:26 Te'uu malee Minaaseen waan godhe maraan, Mootiin Waan Maraa akka aaru waan godheef, aariin isaa guddoon ta Yihudaa irratti bobeette haga ammaa hin qabbanoonne.
2KI 23:27 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Akkuma Israa'el fuula kiyya duraa balleesse, Yihudaalle fuula kiyya duraa hin balleessa; qachaa filadhe Yerusaalem, Galma ani, ‹Maqaan kiyya keessa hin jiraata› jedhe san hin lakkisa» jedhe.
2KI 23:28 Wonni dhibiin ta mootichi Yosiyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreenfanteerti.
2KI 23:29 Bara mootummaa Yosiyaasii, mootiin Gibxi'ii Nekoon, mootii Asoorii qarqaariisaaf gara laga Efraaxiisii ol baye. Mootiin Yihuda'aa Yosiyaas isa loliisaaf itti duule; Nekoon ammoo yennaa isa dhagge Megidotti isa ijjeese.
2KI 23:30 Tajaajiltooti isaa reeffa isaa garreettaa fardaan harkifamuun Megidoo irraa gara Yerusaalemii geessanee addee awwaala inni ifiif qopheeffatetti awwaalane. Kolbaan Yihuda'aa ilma isaa Yeho'aaz muuddee addee isaatitti mootii goote.
2KI 23:31 Yeho'ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, ji'a sad bulche; maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibna'aa ti.
2KI 23:32 Yeho'ahaaz akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2KI 23:33 Mootichi Yeho'ahaaz Yerusaalem akka hin bulchine, mootiin Gibxi'ii Nekoon lafa Haamaatii keessa addee «Riiblaa» jedhantutti isa hiisisee, kolbaan biyya Yihuda'aa meetii kiiloogiraamii kuma sadii fi dhibba afur, worqii kiiloogiraamii soddomii afur gibira akka kaffalanu godhe.
2KI 23:34 Mootiin Gibxi'ii Nekoon, ilma Yosiyaasii Elyaaqiim addee Yosiyaasii abbaa isaatitti mootii godhee, maqaa isaa, «Yehoyaaqiim» jedhee jijjiire. Mooticha Yeho'ahaaz ammoo booji'ee gara biyya Gibxi'ii geessee, Yeho'ahaaz achumatti du'e.
2KI 23:35 Mootichi Yehoyaaqiim meeti'ii fi worqii mootichi Gibxi'ii Nekoon isa gaafate kaffaliisaaf, kolbaan lafa sanii akka dandeettii ifiititti gibira akka kaffaltu godhe.
2KI 23:36 Yehoyaaqiim yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche; maqaan haadha isaa Zabudaan; isiin intala Phedaayaa nama qachaa Ruma'aa ti.
2KI 23:37 Yehoyaaqiimille akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2KI 24:1 Bara Yehoyaaqiim bulche keessa, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar biyya Yihuda'aatitti duulee qabate; mootichi Yehoyaaqiim woggaa sad isa jalatti bule. Achiin duuba yaada ifii jijjiiratee isa irratti ka'e.
2KI 24:2 Mootiin Waan Maraa karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin akkuma dubbate garee loltoota Baabilonii, garee loltoota Sooriya'aa, garee loltoota Mo'aabiitii fi garee loltoota Amoonotaa mooticha Yehoyaaqiim irratti kaasee, biyya Yihuda'aa akka balleessanuuf erge.
2KI 24:3 Sababa cubbuu mootichi Minaaseen huje maraatiif, Mootiin Waan Maraa fuula ifii duraa isaan balleessiisaaf, ajaja isaatiin kolbaa Yihuda'aa irratti tun teete.
2KI 24:4 Sababa Minaaseen dhiiga namoota balleessaa hin qanneelle dhangalaasee, Yerusaalem dhiigaan guuteef, Mootiin Waan Maraa araaramuu hin barbaanne.
2KI 24:5 Wonni dhibiin ta Yehoyaaqiim huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2KI 24:6 Yehoyaaqiim du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Yehoyaakiin mootii te'e.
2KI 24:7 Mootiin Baabilonii lafa Gibxi qabattee turte mara, laga Gibxi'iitii kaasee haga laga Efraaxiisii waan qabateef, mootiin Gibxi'ii biyya ifiitii bayee deebi'ee hin duulle.
2KI 24:8 Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, ji'a sad bulche. Maqaan haadha isaa Nehushta'a; isiin intala Elnaataanii nama qachaa Yerusaalemii ti.
2KI 24:9 Yehoyaakiin akkuma abbaa ifii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2KI 24:10 Bara Yehoyaakiin bulche keessa, loltooti Nebukadnezaarii mootii Baabilonii, dhaqanee Yerusaalem marsane.
2KI 24:11 Adoo loltooti isaa qachaa san marsanee jiranuu, Nebukadnezaar ifiifuu gara Yerusaalemii dhufe.
2KI 24:12 Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin, haati isaa, tajaajiltooti isaa, qondaaltoti isaatii fi qondaaltoti mana mootumma'aa keessaa mootii Baabiloniititti harka kennatane; mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee, woggaa saddeetesso'ootitti Yehoyaakiin booji'ee,
2KI 24:13 akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Nebukadnezaar qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi qabeenna mana mootumma'aa mara fudhate; meya worqi'ii ka mootiin Israa'elii Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif huje mara caccassee, worqii fudhate.
2KI 24:14 Inni hiyyeeyyota qofa biyya Yihuda'aa keessatti lakkisee, kolbaa Yerusaalemii mara, qondaaltota mara, loltoota mara, namoota hujii harkaa hujanuu fi sibiila tumanu mara wolumatti namoota kuma kudhan booji'e.
2KI 24:15 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yehoyaakiinii mooticha, haadha isaa, niitota isaa, qondaaltota mana mootummaa isaatii fi sooressitoota Yihuda'aa Yerusaalem irraa gara Baabilonii booji'e.
2KI 24:16 Mootiin Baabilonii loltoota jajjaba kuma torba ka lola dande'anu mara, worra hujii harkaa hujanuu fi namoota sibiila tumanu kuma tokko booji'ee, gara biyya Baabilonii geesse.
2KI 24:17 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar abbaa diqqaa Yehoyaakiinii Mataaniyaa addee Yehoyaakiiniititti mootii godhee, maqaa isaa jijjiiree, «Zedeqiiyaa» jedhe.
2KI 24:18 Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokko ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibana'aa ti.
2KI 24:19 Zedeqiiyaan akkuma Yehoyaaqiimii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2KI 24:20 Mootiin Waan Maraa waan isaanitti aareef, kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa irratti tun marti teete; muummee irratti inni fuula ifii duraa isaan balleesse.
2KI 25:1 Zedeqiiyaan mootii Baabilonii irratti ka'e; tanaaf, bara Zedeqiiyaan bulche keessa woggaa sagaleesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, loltoota ifii mara fudhatee Yerusaalemitti duule. Inni qacha'aan duuba dunkaanii dhaabatee, adaala qacha'aa marsanee yaabbannoo itti ijaarane.
2KI 25:2 Zedeqiiyaan mootii te'ee, haga woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, qachaan sun akkuma marfametti ture.
2KI 25:3 Wogguma san keessa ji'a arfeesso'oo, guyyaa sagaleesso'ootitti, beelti waan hammaatteef kolbaan sagalee nyaattu dhadde.
2KI 25:4 Achiin duuba dalleenni qacha'aa cabe; loltooti Baabilonii qachaa marsanulle, loltooti mootii biyya Yihuda'aa halkaniin karra dalleya dhaka'aa lama odduu jirtu, ta oorruu mootichaa biraatiin miliqanee bayane. Isaan gara dhooqa Yordaanosii baqatane.
2KI 25:5 Loltooti Baabilonii ammoo, Zedeqiiyaa mooticha ariitee, diida Yeriko'oo keessatti isa dhaqqadde; loltooti isaa marti isa lakkittee baqatte.
2KI 25:6 Loltooti Baabilonii Zedeqiiyaa qaddee, gara Nebukadnezaarii qachaa Riiblaa keessa jiruutitti geessite; inni achitti isatti mure.
2KI 25:7 Isaan ilmaan Zedeqiiya'aa, isuma duratti ijjeesane; achiin duuba ila isaa lamaanuu keessaa baasanee, wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii geessane.
2KI 25:8 Nebukadnezaar mootii Baabilonii te'ee woggaa kudhanii sagaleesso'ootitti, ji'a shaneesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, ajajaan loltoota mooticha eeganuu tajaajilaan mootii Baabilonii Nebuzaraadaan, gara qachaa Yerusaalemii dhufe.
2KI 25:9 Inni Galma Mootii Waan Maraa, mana mootumma'aa, mana Yerusaalem keessaa mara gube; mana gugurdaa mara gubee balleesse.
2KI 25:10 Loltooti Baabilonii ta ajajaa loltoota mooticha eeganuun sooreffamanu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Yerusaalemiititti marfameeru diigane.
2KI 25:11 Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, namoota qachaa keessatti hafane, worra mootii Baabiloniititti harka kennatanee fi kolbaa taan woliin booji'ee, gara Baabilonii geesse.
2KI 25:12 Worra hiyyeeyyii ijjumaa wo hin qanne garii ammoo, muka woyni'ii akka dhaabanuu fi fichaa akka qotanu lafa Yihuda'aa keessatti lakkisee deeme.
2KI 25:13 Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara biyya Baabilonii geessane.
2KI 25:14 Akkasuma isaan okkotee sageettu'uu, akkaafaa sageettu'uu, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu ka sageettu'uu, girgiraa sageettu'uu, meya sageettuu irraa hujame ka Galma Waaqaa keessatti ittiin tajaajilanu mara, fudhatanee deemane.
2KI 25:15 Ajajaan loltoota mooticha eedduu, waan ibidda irratti bobeessanuu fi qorii, waan worqi'ii fi meetii irraa hujame mara fudhatee deeme.
2KI 25:16 Madaalliin utuboota lamaa ka sageettu'uu, waabaa bisaanii ka sageettu'uu, waan meya irra keyanu ka sageettu'uu ka korboo qabanuu, ka mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif hujee hagana hin jedhamu.
2KI 25:17 Hojjaan utubaa tokkoo ciqilee kudhanii saddeeti; hojjaan guutuu utuba'aa ciqilee sad; marsa guutuu utuba'aa irratti seesa caccoo sageettu'uutii fi sageettuu midhaan muka rumaanii fakkaatuun seefameera. Utubaan lammeesso'oolle akkasuma seefamee hujameera.
2KI 25:18 Ajajaan loltoota mooticha eedduu Nebuzaraadaan, Seraayaa hayyicha sooressa, hayyicha itti aanaa Sefaaniya'aatii fi eeddota karraa sadiin booji'e.
2KI 25:19 Qachaa keessatti worra hafane keessaa ajajaa loltootaa, gorsitoota mootichaa shanan, barreessaa ajajaa loltootaa ka kolbaa lafa sanii duulaaf filuu fi namoota dhibii ka qachaa san keessatti dhaggamanu jaatama fuudhee deeme.
2KI 25:20 Ajajaan loltootaa Nebuzaraadaan, isaan mara gara mootii Baabilonii ka qachaa Riiblaa keessa jiruu geesse.
2KI 25:21 Mootiin Baabilonii lafa Haamaatii Riiblaa keessatti isaan ijjeesise. Maarre kolbaan Yihuda'aa lafa ifii irraa booji'amane deemane.
2KI 25:22 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, kolbaa biyya Yihuda'aa keessatti lakkise irratti akaakoo Shaafaanii, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa godhe.
2KI 25:23 Ajajjooti loltoota biyya Yihuda'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmi Qaareha'aa Yohaanaan, ilmi Tanhumetii nama qachaa Netofa'aa Seraayaan, ilmi namicha Ma'akichaa Ya'azaaniyaanii fi loltooti isaanii martinuu, mootiin Baabilonii akka Gedaaliyaa bulchaa godhe yennaa dhage'ane, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufane.
2KI 25:24 Gedaaliyaan isaaniin, «Qondaaltota Baabilonii hin sodaatina'a; lafuma tana keessa le'a'a; mootii Baabilonii tajaajila'a; wonni marti isiniif hin teeti» jedhee isaaniif kakate.
2KI 25:25 Wogguma san keessa ji'a torbeesso'ootitti ammoo, sanyii moototaa ka te'e akaakoon Eliishaama'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin Miisphaa dhaqee, Gedaaliyaa, namootaa Yihuda'aatii fi worra Baabilonii ka isa woliin jiranu lolanee ijjeesane.
2KI 25:26 Achiin duuba kolbaan marti worra Baabilonii waan sodaatteef, diqqa'aa haga gudda'aatitti, ajajjoota loltootaa woliin ka'anee, gara biyya Gibxi'ii baqatane.
2KI 25:27 Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo, ji'a kudhanii lammeesso'oo, guyyaa diddamii torbeesso'ootitti, Ewiil-Marodaak Baabilonitti mootii te'ee, woggaa tokkeesso'ootitti Yehoyaakiin hidha'aa hiike.
2KI 25:28 Ewiil-Marodaak gadhi-laafinnaan Yehoyaakiin dubbisee, mootota dhibii ta isa woliin Baabilonii keessa jirtu caalaa ulfinna guddaa kenneef.
2KI 25:29 Maarre yennaa sanii jalqabee Yehoyaakiin woyaa ifii ta mana hidha'aa jijjiiratee, haga jiruu ifii qorii mootichaa keessaa nyaate.
2KI 25:30 Haga jiruu isaa, guyyuma guyya'aan waan isaaf kennamu'uuf barbaachisu mootichi qooda isaaf baase.
1CH 1:1 Addaam abbaa Sheetii ti; Sheet abbaa Enoshii ti;
1CH 1:2 Enoshi abbaa Qaayinaanii ti; Qayinaan abbaa Mahalalelii ti; Mahalalel abbaa Yaaredii ti;
1CH 1:3 Yaared abbaa Heenookii ti; Heenokii abbaa Matusaalaa ti; Matusaalaan abbaa Laamekii ti;
1CH 1:4 Laamekii abbaa Nohii ti; Nohi: Seemi, Kaamii fi Yaafet uumate.
1CH 1:5 Ilmaan Yaafetii: Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas.
1CH 1:6 Ilmaan Gomerii: Ashkenaas, Riifaatii fi Togaarma'a.
1CH 1:7 Ilmaan Yaawaanii: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Rodaaniim.
1CH 1:8 Ilmaan Kaamii: Kuushi, Misraayiim, Fuxii fi Kana'aan.
1CH 1:9 Ilmaan Kuushii: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa fi Sabteka'a. Ilmaan Ra'imaa: Sheebaa fi Dedaan.
1CH 1:10 Kuushi, Niimrod uumate; Niimrod biyya lafaa keessatti loltuu jabaa qaraa te'e.
1CH 1:11 Misraayiim Ludiim, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim,
1CH 1:12 Fatrusiim, Kasluhiim abbaa worra Filisxeemotaatii fi Kaftoriim uumate.
1CH 1:13 Kana'aan Sidoon uumate; Sidoon ilma isaa angaficha; itti aansee Heet,
1CH 1:14 Yibus, Amooro, Girgaasho,
1CH 1:15 Hiiwo, Arqo, Siino,
1CH 1:16 Arwaado, Simaaroo fi Kamaato uumate.
1CH 1:17 Ilmaan Seemii: Elaam, Ashuur, Arfaaksaad, Ludii fi Aaram. Ilmaan Aaramii: Uz, Hul, Geterii fi Meshek.
1CH 1:18 Arfaaksaad Shalaa uumate; Shalaan Ebeer uumate.
1CH 1:19 Ebeer ilmaan lama uumate; bara inni dhalate kolbaan biyya lafaa waan qoqoodanteef, maqaan ilma angafichaa, «Feleg» jedhame; maqaan obboleessa isaalle Yoqxaan.
1CH 1:20 Yoqxaan Almodaad, Sheleef, Hasarmaawet, Yaaraa,
1CH 1:21 Hadoraam, Uzaal, Diqilaa,
1CH 1:22 Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa,
1CH 1:23 Ofiir, Hawiila'aa fi Yobaab uumate; isaan kun marti ilmaan Yoqxa'aa ti.
1CH 1:24 Hiddi dhaloota Seemii irraa haga Abraamii ka asii gad jiru: Seem, Arfaaksaad, Shalaa,
1CH 1:25 Ebeer, Feleg, Re'uu,
1CH 1:26 Seruug, Naahor, Taaraa fi
1CH 1:27 Abraam, ka duuba irra «Abrahaam» jedhame.
1CH 1:28 Ilmaan Abrahaam: Yisihaqii fi Ishimaa'el.
1CH 1:29 Sanyiin isaanii ta asii gad jirtu: ilmi Ishimaa'elii angafichi Nabaayoo ti; achiin duuba Qedaar, Adbi'el, Miibsaam,
1CH 1:30 Miishimaa, Dumaa, Maasaa, Hadaad, Temaa,
1CH 1:31 Yetuur, Nafiishii fi Qedima'a; isaan kun ilmaan Ishimaa'elii ti.
1CH 1:32 Ilmaan Abrahaamii ta Qexuuraan gursumeettiin isaaf deette: Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishibaakii fi Shuwa'a. Ilmaan Yokshaanii: Sheeba'aa fi Dedaan.
1CH 1:33 Ilmaan Miidiyaanii, Efaa, Efer, Henok, Abiida'aa fi Elda'aa. Isaan kun marti sanyii Qexuura'aa ti.
1CH 1:34 Abrahaam, Yisihaq uumate; ilmaan Yisihaqii, Esaawuu fi Yaaqoob; Yaaqoobiin kun ka duuba irra, «Israa'el» jedhame.
1CH 1:35 Ilmaan Esaawu'uu: Eliifaaz, Rewu'el, Ye'ush, Yaa'alamii fi Qoraahi.
1CH 1:36 Ilmaan Eliifaazii: Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataam, Qenaz; Tiimnaa irraa Amaaleqi uumate.
1CH 1:37 Ilmaan Rewu'elii: Naahaat, Zeraa, Shama'aa fi Miiza'a.
1CH 1:38 Ilmaan Se'iirii: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, Diishon, Ezerii fi Diishaan.
1CH 1:39 Ilmaan Loxaanii: Hoorii fi Hemaam; obboleettiin Loxaanii Tiimna'a.
1CH 1:40 Ilmaan Shobaalii: Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam. Ilmaan Zibe'onii: Ayyaa fi Aanna'a.
1CH 1:41 Ilmi Aanna'aa Diishon. Ilmaan Diishonii: Hemdaan, Eshibaan, Yitraanii fi Keraan.
1CH 1:42 Ilmaan Ezerii: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan. Ilmaan Diishaanii: Uzii fi Aaraan.
1CH 1:43 Kolbaa Israa'elii irratti mootiin tokkolle mootii te'ee adoo hin bulchiniin dura, moototi lafa Edoomii irratti mootii te'anee bulchane ka asii gad jiranu: Ilma Be'orii Belaa, ka maqaan qachaa isaa, «Diinhaabaa» jedhame.
1CH 1:44 Yennaa Bel'aan du'e, ilmi Yobaabii Zeraan nami qachaa Bozra'aa addee isaatitti mootii te'ee bulche.
1CH 1:45 Yennaa Yobaab du'e, Hushaam nami lafa Temaanaa addee isaatitti mootii te'e.
1CH 1:46 Yennaa Hushaam du'e, ilmi Bedadii Hadaad ka lafa Mo'aabiititti worra Miidiyaanii injifate addee isaatitti mootii te'ee bulche; maqaan qachaa isaa, «Awiit» jedhama.
1CH 1:47 Yennaa Hadaad du'e, nami biyya Masreqaa Samlaan addee isaatitti mootii te'ee bulche.
1CH 1:48 Yennaa Samlaan du'e, nami biyya Rehobotii ka laga Efraaxiisii biraa Shaawul addee isaatitti mootii te'ee bulche.
1CH 1:49 Yennaa Shaawul du'e, ilmi Akborii Ba'aal-Hanaan addee isaatitti mootii te'ee bulche.
1CH 1:50 Yennaa Ba'aal-Hanaan du'e, Hadaad addee isaatitti mootii te'ee bulche; maqaan qachaa isaa Phaayi; maqaan haadha manaa isaa Mahexaabel; isiin intala Maxiredii akkoo Mezahabii ti.
1CH 1:51 Hadaadille du'e. Worri lafa Edoomiititti sooreyyii gosaa te'ane: Tiimnaa, Alwaa, Yetet,
1CH 1:52 Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon,
1CH 1:53 Qenaz, Temaan, Miibzaar,
1CH 1:54 Magdii'elii fi Iraam. Isaan kun sooreyyii gosa Edoomii ti.
1CH 2:1 Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamee, ka asii gad jiranu: Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon,
1CH 2:2 Daan, Yoseef, Beniyaamin, Niftaalem, Gaadii fi Asheer.
1CH 2:3 Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaanii fi Shela'a. Isaan sadiin kana, dubartii biyya Kana'aanii ta, «Baat-Shuwaa» jedhantu irraa uumate; ilmi Yihuda'aa angafichi Eer Mootii Waan Maraa duratti nama hamaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa isa ijjeese.
1CH 2:4 Taamaar haati manaa ta ilma isaa ammoo Faaresii fi Zaaraa isaaf deette; Yihudaan wolumatti ilmaan shan qabaayyu.
1CH 2:5 Ilmaan Faaresii: Hezronii fi Hamul.
1CH 2:6 Ilmaan Zaara'aa: Ziimri, Etaan, Hemaan, Kalkoolii fi Darda'a. Isaan wolumatti nama shan.
1CH 2:7 Ilmi Karmii: Akaan ka waan ijjumaa balleeffamu'uu male hatee fudhatiisaan, Israa'el irratti rakkinna fide.
1CH 2:8 Ilmi Etaaniille Azaariya'a.
1CH 2:9 Ilmaan Hezron uumate: Yeraami'el, Raamii fi Kaaleb.
1CH 2:10 Raam Aminaadaab uumate; Aminaadaabille sooressa kolbaa Yihuda'aa Nahasoon uumate.
1CH 2:11 Nahasoon Salmoon uumate: Salmoon Bo'az uumate.
1CH 2:12 Bo'az Obed uumate; Obed Isey uumate.
1CH 2:13 Isey ilmaan torba uumate; angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shimi'aa,
1CH 2:14 ka arfeesso'oo Nataani'el, ka shaneesso'oo Raadaayi,
1CH 2:15 ka jayeesso'oo Ozeem, ka torbeesso'oo Daawiti.
1CH 2:16 Obboleeyyan isaanii ta durraa Zeruya'aa fi Abigaayil. Ilmaan Zeruya'aa sadiin: Abiishaayi, Yo'aabii fi Asaa'el.
1CH 2:17 Abigaayil Amaasaa deette; abbaan isaa «Yeter» ka jedhamu nama sanyii Ishimaa'elii ti.
1CH 2:18 Ilmi Hezronii Kaaleb haadha manaa ifii Azuba'aa fi Yerii'ot irraa ilmaan uumate; ilmaan Azubaan isaaf deette: Yesher, Shobaabii fi Ardoon.
1CH 2:19 Azubaan duuteen duuba, Kaaleb Efraat fuudhe; isiin ilma maqaan isaa, «Huur» jedhame isaaf deette.
1CH 2:20 Huur, Ur uumate; Ur, Bazaali'el uumate.
1CH 2:21 Achiin duuba Hezron yennaa woggaa jaatama guute, intala Maakiirii abbaa Giil'aadii fuudhee, isiin ilma maqaan isaa, «Seguub» jedhame isaaf deette.
1CH 2:22 Seguubille Yaa'iir uumate; Yaa'iir lafa Giil'aadii keessaa qachoota diddamii sad qabaayyu.
1CH 2:23 Geshuurii fi Aaram ammoo Hawoot-Yaa'iir, Qenaatii fi olloota adaala isi'ii woliin qachoota jaatama irraa fudhatane. Isaan kun martinuu ka sanyii Maakiirii abbaa Giil'aadii ti.
1CH 2:24 Hezron Kaaleb-Efraata'atti du'een duuba, haati manaa isaa Abiiyaan ilma isaa Ashuur abbaa biyya Teqo'aa isaaf deette.
1CH 2:25 Ilmi angafichi Hezronii Yeraami'el ilmaan jaa qabaayyu; ilmi isaa angafichi Raam; ka isatti aananu Bunaa, Oreen, Ozeemii fi Ahiiya'a.
1CH 2:26 Yeraami'el haadha manaa dhibii ta, «Ataaraa» jedhantu qabaayyu; isiin haadha Onaamii ti.
1CH 2:27 Ilmaan Raamii ka ilma angaficha Yeraami'elii: Maa'aaz, Yaamiinii fi Eker.
1CH 2:28 Ilmaan Onaamii: Shaamaayii fi Yaada'a. Ilmaan Shaamaayii: Naadaabii fi Abiishur.
1CH 2:29 Maqaan haadha manaa Abiishurii Abiihaayil. Isiin Ahibaanii fi Moliid isaaf deette.
1CH 2:30 Ilmaan Naadaabii: Seleedii fi Aphaayim. Seleed ijoollee adoo hin uumatin du'e.
1CH 2:31 Aphaayim Yishii uumate. Yishiin Sheshaanin uumate. Sheshaan Ahilaayin uumate.
1CH 2:32 Ilmaan Yaadaa obboleessa Shaamaayii: Yeterii fi Yonaataan. Yeter ijoollee adoo hin uumatin du'e.
1CH 2:33 Ilmaan Yonaataanii: Pheletii fi Zaaza'a. Isaan kun sanyii Yeraami'elii ti.
1CH 2:34 Sheshaan ijoollee durraa qofa qaba malee, ilmaan hin qabu; garuu nama biyya Gibxi'ii ka maqaan isaa, «Yarhaa» jedhamu garbicha tokko qabaayyu.
1CH 2:35 Maarre Sheshaan intala ifii garbicha ifii Yarhaa heerumsiise; isiin Ataayin isaaf deette.
1CH 2:36 Aataayi, Naataan uumate. Naataan Zaabaad uumate.
1CH 2:37 Zaabaad, Eflaali uumate. Eflaal, Obed uumate.
1CH 2:38 Obed, Yehuu uumate. Yehuun, Azaariyaa uumate.
1CH 2:39 Azaariyaan, Helez uumate. Helez, El'aasaa uumate.
1CH 2:40 El'aasaan, Siismaay uumate. Siismaay, Shaalum uumate.
1CH 2:41 Shaalum, Yeqaamiyaa uumate. Yeqaamiyaan, Eliishaamaa uumate.
1CH 2:42 Ilma angaficha Kaalebii, obboleessa Yeraami'elii, maqaan isaa Mesha'a. Meshaan, Ziif uumate. Ziif, Mareshaa uumate. Mareshaan, Kebroon uumate.
1CH 2:43 Ilmaan Kebroonii: Qoraahi, Taaphuwaa, Reqemii fi Shema'a.
1CH 2:44 Shemaan, Raaham uumate. Raaham, Yorqe'aam uumate. Reqem, Shaamaay uumate.
1CH 2:45 Shaamaay, Maa'on uumate. Maa'on, Betzuur uumate.
1CH 2:46 Kaaleb gursumeettii, «Efaa» jedhantu takka qabaayyu. Isiin Haaraan, Moza'aa fi Gaazez isaaf deette. Haaraanille ilma, «Gaazez» jedhamu uumate.
1CH 2:47 Ilmaan Yaahidaayii: Regem, Yotaam, Geshaan, Phelet, Efa'aa fi Sha'aaf.
1CH 2:48 Gursumeettiin Kaalebii ta dhibiin ta «Ma'aan» jedhantu: Sheberii fi Tirhaanaa isaaf deette.
1CH 2:49 Isiin dhuma irratti ilmaan lama: Abbaa qachaa Madmaanaatii Sha'aaf fi abbaa qachaa Makbenaatii fi Giibe'aa Shewaa isaaf deette. Kaaleb intala, «Aksaa» jedhantulle qabaayyu.
1CH 2:50 Isaan kun sanyiin Kaalebii ti. Kaaleb haadha manaa ifii Efraataa irraa ilma isi'ii angaficha Huur uumate. Ilmaan Huurii keessaa Shobaal, Kiriiyat-Ya'ariim uumate.
1CH 2:51 Salmoon, Betlihem uumate; Haareef, Betgaader uumate.
1CH 2:52 Sanyiin Shobaalii abbaa Kiriiyat-Ya'ariimii: Haro'ehiti, gamisa gosa Menuhoototaa ti
1CH 2:53 Gosi Kiriiyat-Ya'ariimii keessa leetu: Yetroota, Phutoota, Shumaatotaa fi Miishirota; Zoraatotaa fi Eshtaaloti gosuma worra kanaa ti.
1CH 2:54 Sanyiin Salma'aa: Betlihem, Netofaatota, Atrot-Bet-Yo'aab, gamisa gosa Maanaheetotaa, Zoraatotaa,
1CH 2:55 gosa barreessitootaa worra qachaa Yaabezii keessa le'u: Tiraasitoota, Shime'aatotaa fi Sukaatota; isaan kun Qenoota worra Hemaatii ka gosa Rekaabii ti.
1CH 3:1 Ilmaan Daawiti yennaa Kebroon keessa jiru uumate, ta asii gad jirtu: ilmi angafichi Amnoon, ka Ahiino'aamii Yizre'elittii irraa uumate; ka lammeesso'oo Daani'el, ka Abigaayilii Karmelittii irraa uumate.
1CH 3:2 Ka sadeesso'oo Abiishaalom, ka inni Ma'akaa intala Talmaayii mooticha Geshuurii irraa uumate; ka arfeesso'oo Adoniya'a; ka inni Haagiiti irraa uumate;
1CH 3:3 ka shaneesso'oo Shefaaxiya'a; ka inni Abiixaal irraa uumate; ka jayeesso'oo Yitre'aam; ka inni haadha mana ifii Eglaa irraa uumate.
1CH 3:4 Isaan jaan kun addee inni keessa tee'ee woggaa torbaa fi ji'a jaa bulchetti Kebroon keessatti isaaf dhalatane. Inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii sad bulche.
1CH 3:5 Ilmaan inni Yerusaalem keessatti uumate ka asii gad jiranu: Shime'aa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon; isaan arfan kana intala Amii'elii Baat-Sheebaa irraa uumate.
1CH 3:6 Inni ilmaan dhibiille Yiibhaar, Eliishuwaa, Eliifaalet,
1CH 3:7 Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa,
1CH 3:8 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliifelex, wolumatti ilmaan sagal qabaayyu.
1CH 3:9 Ilmaan gursumeeyyi'ii adoo hin laakkowamin, isaan kun marti ilmaan Daawitii ti; obboleettiin isaaniille Taamaar.
1CH 3:10 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam; ilmi Rehobiyaamii Abiiya'a; ilmi Abiiya'aa Aasa'a; ilmi Aasa'aa Yoshaafaax; ilmi Yoshaafaaxii,
1CH 3:11 Yoraam; ilmi Yoraamii Ahaaziya'a; ilmi Ahaaziya'aa Yo'aas;
1CH 3:12 ilmi Yo'aasii Amaasiya'a; ilmi Amaasiya'aa Azaariya'a; ilmi Azaariya'aa Yotaam;
1CH 3:13 ilmi Yotaamii Ahaazi; ilmi Ahaazii Hisqiyaasi; ilmi Hisqiyaasii Minaase'e;
1CH 3:14 ilmi Minaase'ee Amooni; ilmi Amoonii Yosiyaas.
1CH 3:15 Ilmaan Yosiyaasii angafichi Yohaannaan; ka lammeesso'oo Yehoyaaqiim; ka sadeesso'oo Zedeqiiya'a; ka arfeesso'oo Shaalum.
1CH 3:16 Ilmaan Yehoyaaqiimii: Yehoyaakiinii fi Zedeqiiya'a.
1CH 3:17 Ilmaan Yehoyaakiinii mootichaa ka worri Baabilonii booji'e She'altii'el,
1CH 3:18 Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaazaar, Yeqaamiyaa, Hoshaama'aa fi Nedaabiya'a.
1CH 3:19 Ilmaan Phedaaya'aa: Zarubaabelii fi Shime'i; ilmaan Zarubaabelii: Meshulaamii fi Hanaaniya'a; obboleettiin isaaniille Shelomiit.
1CH 3:20 Inni ilmaan dhibiille shan qaba; isaanille: Hashubaa, Ohel, Berekiiyaa, Hasadiya'aa fi Yushaab-Hesed.
1CH 3:21 Ilmaan Hanaaniya'aa: Phelaatiya'aa fi Yeshaa'iya'a; Yeshaa'iyaan Refaayaa uumate; Refaayaan Arnaan uumate; Arnaan Obaadiyaa uumate; Obaadiyaan Shekaaniyaa uumate.
1CH 3:22 Ilmi Shekaaniya'aa Shemaa'iya'a. Ilmaan Shemaa'iya'aa: Haxushi, Yigaal, Baariihaa, Na'ariiya'aa fi Shaafaax; isaan wolumatti jaa.
1CH 3:23 Ilmaan Na'ariiya'a: Elyo'enaayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan wolumatti sad.
1CH 3:24 Ilmaan Elyo'enaayi: Hodaawiyaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yohaannaan, Delaaya'aa fi Anaani; isaan wolumatti torba.
1CH 4:1 Ilmaan Yihuda'aa: Faares, Hezron, Karmi, Huurii fi Shobaal.
1CH 4:2 Ilmi Shobaalii Re'aayaan Yaahaat uumate; Yaahaat Ahumaayii fi Lahadi uumate; isaan kun fira Zoraatotaa ti.
1CH 4:3 Ilmaan Etaamii: Yizre'el, Yishma'aa fi Yidbaash; maqaan obboleettii isaanii Hazelelphon.
1CH 4:4 Phenu'el Gidoor uumate; Ezer Hushaa uumate. Isaan kun ilmaan ilma angaficha Efraata'aa, abbaa qachaa Betlihemii ka te'e, sanyii Huurii ti.
1CH 4:5 Ashuur abbaan Teqo'aa, niitii lama Hela'aa fi Na'araa qaba.
1CH 4:6 Na'araan Ahuzaam, Hefer, Teyimenii fi Haa'ashtaar isaaf deette. Isaan kun ilmaan Na'araa ti.
1CH 4:7 Ilmaan Hela'aa: Zeret, Yezohaarii fi Etnaan.
1CH 4:8 Koz abbaa Anubiitii fi Zobeba'aa ti; abbaa fira sanyii Aariihelii ilma Harumii ti.
1CH 4:9 Yaabez obboleeyyan ifii caalaa nama ulfinna qabu. Haati isaa, «Ani ciniinsuu jaddu'uun isa deyeera» jedhiisaan, maqaa isaa, «Yaabez» jette.
1CH 4:10 Yaabez, «Maganne'ee, na eebbisi; lafa badhoolle naa kenni. Harki keeti na woliin jiraatuu ti; akka isiin farra natti hin finne waan hantuu irraa na eegi» jedhee, Waaqa Israa'elii gaafate. Waaqille waan inni gaafate isaaf kenne.
1CH 4:11 Obboleessi Shuka'aa Keluub, abbaa Eshtoonii Maakiir uumate.
1CH 4:12 Eshtoon ilmaan sad: Betraafaa, Phaaseha'aa fi Tehiinaa uumate. Tehiinaan abbaa Ir-naahaashii ti. Isaan worra qachaa Reka'aa keessa le'e.
1CH 4:13 Qenazii ilmaan lama: Otnii'elii fi Seraayaa uumate. Otnii'elille ilmaan lama: Katatii fi Me'onotaayi uumate.
1CH 4:14 Me'onotaayi, Ofraa uumate. Seraayaan, abbaa qachaa «Geharaashim» jedhamuu, ka worri hujii harkaa huju keessa le'u, Yo'aab uumate; Yo'aab Geharaashimi uumate; isaan kun worra hujii harkaa beeku waan te'aneef maqaa kanaan waamane.
1CH 4:15 Ilmi Yofune'ee Kaaleb ilmaan sad: Iiruu, Ela'aa fi Naa'aam uumate. Elaan Qenaz uumate.
1CH 4:16 Yihaleli'el ilmaan afur: Ziif, Ziifaa, Tiiriiya'aa fi Asaare'el uumate.
1CH 4:17 Izraan ilmaan afur: Yeter, Mered, Eferii fi Yaalon uumate. Isaan kun ilmaan Betiyaa intala mooticha Gibxi'ii ta Mered fuudhee ti; isiin ulfoottee Miiryaam, Shaamaayii fi Iishiba abbaa Eshtemo'aa isaaf deette.
1CH 4:18 Niitiin isaa Yihudittiin: Abbaa Gedoorii Yered, Abbaa Sokoo Heber, Abbaa Zaano'aa Yekutii'el isaaf deette. Isaan kun ilmaan intalti Fara'oonii Biitiyaan ta Mered fuudhe deette.
1CH 4:19 Ilmaa niitii Hodiiyaa ta obboleettii Nahaamii Qeyilaa abbaa Gaarimiitii fi Eshtemo'aa Ma'akichaa ti.
1CH 4:20 Ilmaan Shimoonii: Amnoon, Riinaa, Benhaanaanii fi Tiilon; ilmaan Yishii: Zoheetii fi Ben-Zoheeti.
1CH 4:21 Ilmaan Shelaa ilma Yihuda'aa: Abbaa Lekaa Eer, abbaa Maresha'aa La'aada'aa fi worra woyaa quncee talba'aa dansaa irraa hujante ta qachaa Bet-Ashbe'aatii keessatti hujuu,
1CH 4:22 Yoqiim, namoota qachaa Kozeba'aa, Yo'aasii fi Saaraaf ka Mo'aab bulche, Yaashub Lehem fa'a. [Barreeffam kun ka durii ti.]
1CH 4:23 Isaan kun worra faara dhowu ka qachaa Nexaayimiitii fi Gedera'aa keessa le'u. Isaan achi le'anee mooticha tajaajilane.
1CH 4:24 Ilmaan Shimi'oonii: Nemu'el, Yaamiin, Yaariib, Zera'aa fi Shaawul.
1CH 4:25 Shaawul Shaalum uumate; Shaalum Miibsaam uumate; Miibsaam Miishimaa uumate.
1CH 4:26 Sanyii Mishma'aa: Miishimaan Hamu'el uumate; Hamu'el Zaakur uumate; Zaakur Shime'i uumate.
1CH 4:27 Shime'i ilmaan kudhanii jaa fi ijoollee durraa jaa uumate; obboleeyyan isaa ijoollee hedduu hin uumanne; firri isaanii martinuu akka kolbaa Yihuda'aa hin horre.
1CH 4:28 Qachooti sanyiin Shime'ii keessa le'ane: Bersheebaa, Molaadaa, Hazarshuwaal,
1CH 4:29 Bilhaa, Ezem, Tolaad,
1CH 4:30 Betu'el, Hormaa, Siiqlaag,
1CH 4:31 Bet-Markaboot, Hazaarsusiim, Bet-Bire'ii fi Sha'araayiim; haga bara Daawiti mootii te'ee bulchetti isaan qachoota kana keessa le'ane.
1CH 4:32 Ollooti isaanii shan ka adaala qachoota kanaa jiranu: Etaam, Aayin, Rimoon, Tokkeenii fi Ashaan,
1CH 4:33 haga qachaa Ba'aalaatiititti ollooti dhibiille hin jiran. Qachooti kun addee isaan keessa qubatanee fi addee isaan galmee hidda dhaloota ifii itti maffatane.
1CH 4:34 Sooressitooti abbootii fira isaanii: Meshobaab, Yaamlek, ilma Yosha'aa Amaasiyaa,
1CH 4:35 Yo'el, abuuboo Yoshiibiyaa, akaakoo Seraayaa ilma Asii'elii Yehuu,
1CH 4:36 Elyo'enaayi, Ya'aqobaa, Yishohaayaa, Ashaayaa, Adii'el, Yesiimii'el, Benaayaa,
1CH 4:37 ilma Shiifii Ziizaa, Ziiza ka Aalonii, Aalon ka Yedaa'iya'aa, Yedaa'iyaan ka Shiimrii, Shiimri ka Shemaa'iyaa ti.
1CH 4:38 Worri maqaan isaanii dhowame kun fira isaanii keessatti worra qondaaltota te'ane; sanyiin fira isaanii guddoo horte.
1CH 4:39 Isaan horii ifiitiif marra barbaadatiisaaf, dhooqa san karaa aduun baatu haga seensuma Gedoorii ideemanee,
1CH 4:40 achitti horii ifiitiif marra bisilee dansaa dhaggatane; latti sun lafa akka malee badhoo sarmaa fi nageya qaddu; sanyiin Kaamii dur achi qubatteertiiyyu.
1CH 4:41 Worri maqaan isaanii barreeffame kun bara Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'eeru dhufanee, sanyii Kaamii lolanee dunkaanii isaanii diiganee balleessanee, worra Me'unootaa ka achi jiranulle ijjumaa balleessane; tunille haga adhaatitti beekkanteerti; isaan horii ifiitiif marra achitti waan dhaggataneef, addee kolbaa saniititti qubatane.
1CH 4:42 Sanyii Shimi'oonii keessaa gariin namooti dhibbi shan, ilmaan Yishii: Phelaatiyaa, Ne'aariyaa, Refaayaa fi Uzii'el fa'a sooreyyii godhatanee biyya koobittii Se'iirii qabatane.
1CH 4:43 Amaaleqoota miliqanee hafanelle ijjeesanee, haga adha achi le'ane.
1CH 5:1 Sanyiin Ruubenii ilma angaficha Israa'elii isaan kana: Ruuben ilma angaficha; ammoo waan inni gursumeettii abbbaa ifii takka woliin rafee rifanoo abbaa ifii batteeseef, angafummaan isaa ijoollee Yoseefii obboleessa isaatiif kennante; tanaaf hiddi dhaloota isaa akka angafummaa isaatitti hin barreeffanne.
1CH 5:2 Yihudaan obboleeyyan ifii caalaa jabaa te'ee, bulchaan sanyii isaa keessaa dhufulle, angafummaan Yoseefiif kennante.
1CH 5:3 Ilmaan Ruubenii ilma angaficha Israa'elii: Henok, Faluu, Hezronii fi Karmi.
1CH 5:4 Ilmaan Yo'elii: Shemaa'iyaa, Googi, Shime'i,
1CH 5:5 Miikaa, Re'aayaa, Ba'aal,
1CH 5:6 Be'era ka mootichi Asoorii Tiiglaat-Phileeser booji'ee ideeme. Be'eraan sooressa fira Ruubenii ti.
1CH 5:7 Hiddi dhaloota maatii isaa gosuma gosaan galmeeffamaneeran; isaan kunille bulchaa isaanii Yeyi'el, Zakaariyaas,
1CH 5:8 abuuboo Yo'elii akaakoo Shema'aa ilma Aazaazii Bela'a. Isaan kun lafa adaala qachaa Aro'eriitii jalqabanee karaa kaabaatiin haga Nebootii fi haga Ba'aal-Me'oniititti qubatane.
1CH 5:9 Horiin isaanii lafa Giil'aadii keessatti waan horeef, isaan karaa aduun baatu, seensuma lafa goomole'eetii haga laga Efraaxiisii qabatane.
1CH 5:10 Bara Saa'ol mootii te'eeru, isaan fira Hagaarii lolanee injifatanee, addee isaan le'anu lafa Giil'aadii karaa aduun baatu mara qabatane.
1CH 5:11 Sanyiin Gaadii lafa fuullee isaanii haga Saalka'aatitti lafa Baashaanii keessa leete.
1CH 5:12 Bulchaan guddaan Yo'el; ka lammeesso'oo Shaafaam; achiin duuba Yaanaayii fi Shaafaaxille Baashaan keessa le'ane.
1CH 5:13 Obboleeyyan isaanii akka maatii isaaniititti: Mikaa'el, Meshulaam, Sheebaa, Yoraay, Yaakaan, Zii'aa fi Ebeer; isaan wolumatti torba.
1CH 5:14 Isaan kun Sanyii Abiihaayilii ti: Abiihaayil ka Huurii, Huur ka Yaarokaa, Yaaroka ka Giil'aadii, Giil'aad ka Mikaa'elii, Mikaa'el ka Yeshiishaayii, Yeshiishaay ka Yaakedoo, Yaakedo ka Buusii ti.
1CH 5:15 Akaakoon Gunii, ilmi Abdi'elii Ahi, sooressa maatii isaanii ti.
1CH 5:16 Isaan lafa Giil'aadii keessa, Baashaan keessaa fi qachoota isi'ii keessa, lafa horii tiffatanu Shaaronii haga qaccee isi'ii mara keessa le'ane.
1CH 5:17 Isaan kun martinuu bara Yotaam mootii Yihuda'aa te'eeruu fi bara Yerobi'aam mootii Israa'elii te'eerutti kitaaba dabarsii hidda dhalootaa keessatti barreeffamane.
1CH 5:18 Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee, loltoota worra wonte'een, shallaaga'aa fi guube'een loliisaaf akka dansaa leenjifamane, kuma afurtamii afurii fi dhibba torbaa fi jaatama qaban.
1CH 5:19 Isaan gosa Hagaarii, gosa Yetuurii, gosa Naafiishiitii fi gosa Nodaabii dhaqanee lolane.
1CH 5:20 Isaan Waaqatti addatanee, isa daadimatanee, qarqaarsa yennaa isa gaafatane, inni isaaniif dhage'ee, Hagaarotaa fi worra isaan woliin jiru harka isaaniititti dabarsee kenne.
1CH 5:21 Isaan horii Hagaarotaa gaalota kuma shantama, hoolee kuma dhibba lamaa fi kuma shantama, harree kuma lamaa fi namoota kuma dhibba tokko booji'anee fudhatane.
1CH 5:22 Lolli sun fedha Waaqaatiin waan te'eef, namooti hedduun ijjeefamane; worri injifatee lafa san qabate, haga bara ifiifuu booji'amaneetitti lafuma san keessa le'ane.
1CH 5:23 Kolbaan gamisa gosa Minaase'ee bacaan ta karaa aduun baatuu, Baashaanii haga Ba'aal-Hermoonii, haga Seniiriitii fi haga gaara Hermooniititti qubatanee le'ane.
1CH 5:24 Sooreyyiin gosa isaanii: Efer, Yishe'ii, Elii'el, Azrii'el, Ermiyaas, Hodaawiya'aa fi Yaadii'el. Isaan kun loltoota gootota, namoota beekkamanee fi sooressitoota gosa isaanii ti.
1CH 5:25 Te'uu malee isaan Waaqa abbootii ifiititti addatiisa lakkisanee, waaqota kolbaa lafa sanii ta Waaqi fuula isaanii duraa balleessee waaqonfatane.
1CH 5:26 Maarre Waaqi Israa'elii, mooticha Asoorii Phul ka, «Tiiglaat-Phileeser» jedhamu isaanitti kaasee, inni fira Ruubenii, fira Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee booji'ee, gara Kalaa, gara Kaaborii, gara Haaraatii fi gara laga Gozaanii lafa haga adhaa isaan keessa jiranu isaan geesse.
1CH 6:1 Ilmaan Lewwi'ii: Gershoon, Qehaatii fi Meraar.
1CH 6:2 Ilmaan Qehaatii: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.
1CH 6:3 Ijoolleen Amraamii: Aaron, Muuse'ee fi Miiryaam. Ilmaan Aaronii: Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar.
1CH 6:4 Ele'azaar Fiinehaas uumate; Fiinehaas Abiishuwaa uumate;
1CH 6:5 Abiishuwaan Buki uumate; Buki Uzi uumate;
1CH 6:6 Uzi Zeraayaa uumate; Zeraayaan Meraayoot uumate;
1CH 6:7 Meraayoot Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate;
1CH 6:8 Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Ahimaaz uumate;
1CH 6:9 Ahimaaz Azaariyaa uumate; Azaariyaan Yohaannaa uumate;
1CH 6:10 Yohaannaan Azaariyaa uumate; Azaariyaan kun ka hayyicha te'ee, Galma Waaqaa ka Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajile.
1CH 6:11 Azaariyaan Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate;
1CH 6:12 Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Shaalum uumate;
1CH 6:13 Shaalum Hilqiiyaa uumate; Hilqiiyaan Azaariyaa uumate;
1CH 6:14 Azaariyaan Seraayaa uumate; Seraayaan Yozaadaaq uumate;
1CH 6:15 Yennaa Mootiin Waan Maraa, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii harka Nebukadnezaariititti akka booji'antu godhe, Yozaadaaqille isaan woliin booji'amee deeme.
1CH 6:16 Ilmaan Lewwi'ii: Gershoom, Qehaatii fi Meraar.
1CH 6:17 Maqaan ilmaan Gershoomii: Liibnii fi Shime'i.
1CH 6:18 Ilmaan Qehaatii: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.
1CH 6:19 Ilmaan Meraarii: Maahilii fi Mushi. Firri Lewwootaa akka fira abbootii isaaniititti ka asii gad jiranu.
1CH 6:20 Fira Gershoomii: Gershoom Liibni uumate; Liibni Yaahaat uumate; Yaahaat Ziimaa uumate;
1CH 6:21 Ziimaan Yo'aa uumate; Yo'aan Iddo uumate; Iddo Zeraa uumate; Zeraan Ye'ateraayi uumate.
1CH 6:22 Sanyii Qehaatii: Qehaat, Aminaadaab uumate; Aminaadaab, Qoraahi uumate; Qoraahi, Asiir uumate;
1CH 6:23 Asiir, Elqaanaa uumate; Elqaanaan, Ebiyaasaaf uumate; Ebiyaasaaf, Asiir uumate;
1CH 6:24 Asiir, Tahaat uumate; Tahaat, Urii'el uumate; Urii'el, Uziyaa uumate; Uziyaan, Shaawul uumate.
1CH 6:25 Ilmaan Elqaanaa Amaasaayii fi Ahiimoot.
1CH 6:26 Ahiimoot Elqaanaa uumate; Elqaanaan Sofaayi uumate; Sofaayi Naahaat uumate;
1CH 6:27 Naahaat El'aab uumate; El'aab Yerohaam uumate; Yerohaam Elqaanaa uumate.
1CH 6:28 Ilmaan Saamu'elii, angafichi Yo'el, ka lammeesso'oo Abiiya'a.
1CH 6:29 Meraar Maahil uumate; Maahil Liibni uumate; Liibni Shime'i uumate; Shime'i Uzaa uumate;
1CH 6:30 Uzaan Shime'aa uumate; Shime'aan Hagiiyaa uumate; Hagiiyaan Asaayaa uumate.
1CH 6:31 Saanduqi Gondooro'oo Galma Waaqaatitti galeen duuba, namooti mootichi Daawiti Galma Waaqaa keessatti itti gaafatantoota faarsitootaa akka te'anu godhe asii gad jiran.
1CH 6:32 Isaan haga bara Solomoon Yerusaalemitti Galma Waaqaa ijaareetitti, akkuma ajaja isaaniif kennameetitti, balbala Dunkaanii Woldeenna'aa duratti faaru'uun tajaajilane.
1CH 6:33 Namooti ilmaan ifii woliin tajaajilane asii gad jiran: Fira Qehaatii keessaa, faarfataa Hemaan; inni ilma Yo'elii ti; Yo'el ka Saamu'elii,
1CH 6:34 Saamu'el ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Yerohaamii, Yerohaam ka Elii'elii, Elii'el ka To'aa,
1CH 6:35 To'a ka Zuufii, Zuuf ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Mahaatii, Mahaat ka Amaasaayii,
1CH 6:36 Amaasaayi ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Yo'elii, Yo'el ka Azaariya'aa, Azaariyaan ka Sefaaniya'aa,
1CH 6:37 Sefaaniyaan ka Tahaatii, Tahaat ka Asiirii, Asiir ka Ebiyaasaafii, Ebiyaasaaf ka Qoraahii,
1CH 6:38 Qoraahi ka Yizhaarii, Yizhaar ka Qehaatii, Qehaat ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Israa'elii ti.
1CH 6:39 Obboleessi isaa Asaaf, gara midda isaatiin dhaabbatee tajaajilaayyu. Asaaf ilma Berekiiya'aa ti; Berekiiyaan ka Shime'aa,
1CH 6:40 Shime'aan ka Mikaa'elii, Mikaa'el ka Ba'aseya'aa, Ba'aseya'aan ka Malkiiya'aa,
1CH 6:41 Malkiiyaan ka Etnii, Etni ka Zera'aa, Zeraan ka Adaaya'aa,
1CH 6:42 Adaayaan ka Eyitaanii, Eyitaan ka Ziima'aa, Ziimaan ka Shime'ii,
1CH 6:43 Shime'i ka Yaahaatii, Yaahaat ka Gershoomii, Geshoom ka Lewwi'ii ti.
1CH 6:44 Fira Meraarii keessaa worri gara bita'aatiin isaan woliin jiru: Etaanii ilma Qiishii ti. Qiish ka Abdii, Abdi ka Maluukii,
1CH 6:45 Maluuk ka Hashabiiya'aa, Hashabiiyaan ka Amaasiya'aa, Amaasiyaan ka Hilqiiya'aa,
1CH 6:46 Hiiqiiyaan ka Amzii, Amzi ka Baanii, Baan ka Shaamerii,
1CH 6:47 Shaamer ka Maahilii, Maahil ka Mushii, Mushi ka Meraarii, Meraar ka Lewwi'ii ti.
1CH 6:48 Lewwooti dhibiin, dunkaanii dhugaa bayaa ta Galma Waaqaa keessa hujii dhibii mara akka hujanu ramadamane.
1CH 6:49 Tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen akkuma ajajetti Aaronii fi sanyiin isaa, Israa'eliif gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, hujii Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti hujantu maraaf, kennansa addee ciinca'aa irratti gubamuu fi kennansa addee hixaanni itti aarfamu irratti dhikaatuufille itti gaafatantoota te'ane.
1CH 6:50 Hiddi dhaloota sanyii Aaronii ta asii gad jirtu: Aaron Ele'azaar uumate; Ele'azaar Fiinehaas uumate; Fiinehaas Abiishuwaa uumate;
1CH 6:51 Abiishuwaan Buki uumate; Buki Uzi uumate; Uzi Zeraayaa uumate;
1CH 6:52 Zeraayaan Meraayoot uumate; Meraayoot Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate;
1CH 6:53 Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Ahimaaz uumate.
1CH 6:54 Hixaan qaraa, sanyii Aaronii keessaa fira Qehaatiitiif waan bu'eef, latti isaaniif kennante ta asii gad jirtu:
1CH 6:55 Kutaa lafa fira Yihuda'aa keessaa qachaan Kebrooniitii fi latti tikaa ta adaala qachaa Kebroonii marti isaaniif kennante.
1CH 6:56 Latti ficha'aa ta adaala qachaa Kebrooniitii fi ollaan adaala qachaa Kebroonii ilma Yofune'ee Kaalebiif kennante.
1CH 6:57 Sanyiin Aaronii akka itti baqatanuuf qachooti isaaniif kenname: Kebroon, Liibnaa, Yaatiir, Eshtemo'aa,
1CH 6:58 Hiilen, Deebir,
1CH 6:59 Aashaanii fi Bet-Shemeshi lafa tikaa ta adaala isaanii woliin.
1CH 6:60 Qooda lafa fira Beniyaaminii keessalle'ee qachooti: Gebaa, Alemetii fi Anaatoti lafa tikaa ta adaala isaanii woliin isaaniif kennamane. Qachooti fira isaanii wolumatti qachoota kudhanii sad.
1CH 6:61 Fira Qehaatii worra hafeefille, qooda lafa gamisa fira Minaase'ee keessaa qachooti kudhan kennamaneef.
1CH 6:62 Fira Gershoomiitiif akka maatii maatii isaaniititti, kutaa lafa fira Yisaakorii, lafa fira Asheerii, lafa fira Niftaalemii keessaa, lafa gamisa fira Minaase'ee ta Baashaan keessaa keessalle'ee, qachooti kudhanii sad kennamaneef.
1CH 6:63 Fira Meraariitiifille akka maatii maatii isaaniititti lafa Ruubenii, lafa Gaadiitii fi lafa Zebuloonii keessaa qachooti kudhanii lama kennamaneef.
1CH 6:64 Akka kanaan kolbaan Israa'elii qachootaa fi lafa tikaa ta adaala qachoota sanii jirtu Lewwootaaf kennane.
1CH 6:65 Qachoota gosa Yihuda'aa, gosa Shimi'ooniitii fi gosa Beniyaamii keessaa ka maqaan dhowame kana hixaa buusiisaan isaaniif kennane.
1CH 6:66 Fira Qehaatii keessaa gariin, kutaa lafa gosa Efreem keessaa qachootaa fi lafa tikaa ta adaala qachoota sanii fudhataneeraniiyyu.
1CH 6:67 Isaan lafa koobittii Efreemii keessaa qachoota nami nama ijjeese itti baqatu Sheekem, Gezer,
1CH 6:68 Yaaqmi'aam, Bet-Horoon,
1CH 6:69 Ayalon, Gaat-Rimoon, lafa tikaa ta adaala isaanii mara woliin isaaniif kennamane.
1CH 6:70 Lafa gamisa gosa Minaase'ee keessaa, qachaa Aaneriitii fi qachaa Biile'aamii, lafa tikaa ta adaala qachoota sanii woliin fira Qehaatii worra hafeef kennane.
1CH 6:71 Gosi Gershoomii, kutaa lafa gamisa gosa Minaase'ee keessaa qachoota: Golaan ka Baashaan keessaatii fi Eshtaarot lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.
1CH 6:72 Lafa gosa Yisaakorii keessalle'ee qachoota; Qedeesh, Daaberaat,
1CH 6:73 Raamootii fi Aanem, lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.
1CH 6:74 Lafa gosa Asheerii keessaa qachoota: Maashaal, Abdoon,
1CH 6:75 Huqooqii fi Rehoob lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.
1CH 6:76 Lafa fira Niftaalemii keessalle'ee qachoota: Qedeeshii ka Galiilaa keessaa, Haamonii fi Kiriiyat-Aayim lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.
1CH 6:77 Gosi Meraarii worri hafe, lafa gosa Zebuloonii keessaa qachoota: Rimoonii fi, Taabor lafa tikaa ta adaala isaanii woliin,
1CH 6:78 laga Yordaanosiitiin gamaa, Yerikoo irraa karaa aduun baatuun, lafa gosa Ruubenii keessaa, qachoota goomolee keessaa Bezer, Yaahizaa,
1CH 6:79 Qedemootii fi Mefaat lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.
1CH 6:80 Lafa gosa Gaadii ka Giil'aad keessatti dhaggamanu keessalle'ee qachoota: Raamoot, Mahanaayim,
1CH 6:81 Heshiboonii fi Yaazer lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.
1CH 7:1 Ilmaan Yisaakorii afur: Tolaa, Phuwaa, Yaashubii fi Shimroon.
1CH 7:2 Ilmaan Tola'aa: Uzii, Refaayaa, Yerii'el, Yaahimaay, Yibsaamii fi Shemu'el; isaan loltoota gootota sooressitoota gosa maatii Tolaa ti. Bara mootummaa Daawitii keessa sanyiin isaanii kuma diddamii lamaa fi dhibba jaa.
1CH 7:3 Ilmi Uzii, Yizraahiya'a. Ilmaan Yizraahiya'aa: Mikaa'el, Obaadiyaa, Yo'elii fi Yishiiya'a; isaan shanan kun martinuu sooreyyi'i.
1CH 7:4 Isaan niitolee heddu'uu fi ilmaan hedduu waan qabanuuf, akka galmee hidda dhaloota maatii isaaniititti loltoota lolaaf qophowane, kuma soddomii jaa qabaniiyyu.
1CH 7:5 Gosa Yisaakorii mara keessaa akka barreeffama hidda dhaloota maatii isaaniititti loltooti jajjabi kuma saddeettamii torba.
1CH 7:6 Ilmaan Beniyaaminii sad: Belaa, Bekerii fi Yedii'el.
1CH 7:7 Ilmaan Belaa: Ezboon, Uzii, Uzii'el, Yeremootii fi Iiri; isaan shanan kun martinuu sooreyyii maatii abbaa isaanii ti; isaan akka galmee hidda dhaloota isaaniititti loltoota kuma diddamii lamaa fi soddomii afuri.
1CH 7:8 Ilmaan Bekerii: Zemiiraa, Yo'aas, Elii'ezer, Elyo'enaayi, Omiri, Yeremoot, Abiiyaa, Anaatotii fi Alaameti; isaan kun martinuu ilmaan Bekerii ti.
1CH 7:9 Akka galmee hidda dhaloota isaaniititti sooressitooti maatii abbaa isaanii, loltoota jajjaba kuma diddamaa fi dhibba lama.
1CH 7:10 Ilmi Yedii'elii Bilhaan. Ilmaan Bilhaanii: Ye'ush, Beniyaamin, Ehud, Kennaanaa, Zetaan, Tarshiishii fi Ahiishaahar.
1CH 7:11 Ilmaan Yedii'elii tun martinuu sooreyyii maatii abbootii ifii ti; sanyii isaanii keessaa loltooti jajjabi lolaaf qophowane kuma kudhanii torbaa fi dhibba lama.
1CH 7:12 Worri Shuphiimiitii fi Huphiimii sanyii Iirii ti; worri Hushiimii sanyii Aheerii ti.
1CH 7:13 Ilmaan Niftaalemii: Yaahize'el, Guni, Yezerii fi Shaalum; Niftaalemiin kun ka Bilhaan deette.
1CH 7:14 Ilmaan Minaase'ee: Asrii'elii fi Maakiir ka gursumeettittii biyya Sooriya'aa irraa uumate; Maakiir Giil'aad uumate.
1CH 7:15 Maakiir worra Huphiimiitii fi Shuphiimii keessaa niitii fuudhe; maqaan obboleettii isaa Ma'aka'a; ilmaan Maakiirii keessaa tokko Zelofehaad; inni ijoollee durraa qofa uumate.
1CH 7:16 Niitiin Maakiirii Ma'akaan ilma isaaf deettee, maqaa isaa «Pheresh» jette; maqaan obboleessa isaa Sheresh. Pheresh Ulaamii fi Raaqem uumate.
1CH 7:17 Ulaam Bedaan uumate; isaan kun sanyii Giil'aadii ilma Maakiirii, Maakiirii ilma Minaase'ee ti.
1CH 7:18 Obboleettiin Giil'aadii Hamoleket ilmaan sad: Ishood, Abii'ezerii fi Maahilaa deette.
1CH 7:19 Ilmaan Shemiida'aa: Ahiiyaan, Sheekem, Liikihii fi Aniiyaam.
1CH 7:20 Sanyiin Efreemii: Efreem, Shutelaa uumate; Shutelaan, Bered uumate; Bered, Tahaat uumate; Tahaat, El'aadaa uumate; El'aadaan, Tahaat uumate;
1CH 7:21 Tahaat Zaabaadii fi Shutelaa uumate. Ezerii fi El'aad horii worra biyya Gaatii hatiisaaf yennaa gad bu'ane worri biyya sanii isaan ijjeese.
1CH 7:22 Abbaan isaanii Efreem guyyaa hedduu isaaniif gadde; worri isaa dhufee isa jajjabeesse.
1CH 7:23 Achiin duuba Efreem haadha manaa ifii woliin rafee, isiille ulfoottee ilma isaaf deette. Rakkinni maatii isaa waan dhaqqabeef, «Berii'aa» jedhee maqaa isa baase.
1CH 7:24 Maqaan intala isaa Sera'a; isiin qachaa Bet-Horoonii ka jalaatii fi ka gubba'aa, qachaa Uzen-Seraalle ijaarsitte.
1CH 7:25 Efreem, Refaan uumate; Refaan, Resheef uumate; Resheef, Telaan uumate; Telaan Tahaan uumate;
1CH 7:26 Tahaan La'adaan uumate; La'aadaan Amiihud uumate; Amiihud, Eliishaamaa uumate;
1CH 7:27 Eliishaamaan, Nun uumate; Nun, Iyaasuu uumate.
1CH 7:28 Lafaa fi qachoota sanyiin Efreemii keessa leete: qachaa Bet'eliitii fi olloota adaala isaa; karaa aduun baatuun qachaa Na'araanii; karaa aduun seentuun qachaa Gezeriitii fi olloota adaala isaa; qachaa Sheekemiitii fi olloota adaala isaa; qachaa Ayya'aatii fi olloota adaala isaa ti.
1CH 7:29 Karaa meessaa sanyii Minaase'eelle'een qachaa Bet-Shaanii, qachaa Ta'ana'aatii, qachaa Megidootii fi qachaa Doorii olloota adaala isaanii jiranu woliin. Sanyiin Yoseefii ilma Israa'elii qachoota kana keessa le'ane.
1CH 7:30 Ilmaan Asheerii: Yiimnaa, Yishwii fi Berii'a; obboleettiin isaaniille Sera'a.
1CH 7:31 Ilmaan Berii'aa: Heberii fi Malkii'el; Malkii'el Biirzaawiiti uumate.
1CH 7:32 Heber ilmaan sad Yaafilet, Shomer, Hotaamii fi obboleettii isaanii Shuwaa uumate.
1CH 7:33 Ilmaan Yaafiletii: Phaasaak, Biimhaalii fi Ashiwaati.
1CH 7:34 Ilmaan Shomerii: Ahi, Rohigaa, Yehubaa fi Aaram.
1CH 7:35 Ilmaan obboleessa isaa Helemii: Zofaa, Yiimnaa, Sheleshii fi Aamaal.
1CH 7:36 Ilmaan Zofaa: Suwaa, Harnefer, Shuwaal, Berii, Yiimraa,
1CH 7:37 Bezer, Hood, Shamaa, Shiilshaa, Yitraanii fi Be'era'a.
1CH 7:38 Ilmaan Yeterii: Yofunee, Fiisphaa fi Era'a.
1CH 7:39 Ilmaan Ulaa: Araa, Hanii'elii fi Riiziiya'a.
1CH 7:40 Isaan kun martinuu sanyii Asheerii keessaa sooressitoota maati'ii, loltoota jajjaboo filamane, sooressitoota qondaaltota isaanii ti. Worri lolaaf qophowane, akka galmee hidda dhaloota isaaniititti, dhiira kuma diddamii jaa.
1CH 8:1 Beniyaamin ilma angaficha Belaa, ka lammeesso'oo Ashbel, ka sadeesso'oo Ahiiraa,
1CH 8:2 ka arfeesso'oo Nohaa, ka shaneesso'oo Raafaa uumate.
1CH 8:3 Ilmaan Bel'aa: Adaar, Geraa, Abiihud,
1CH 8:4 Abiishuwaa, Na'amaan, Aho'aa,
1CH 8:5 Geraa, Shefufaanii fi Huraam.
1CH 8:6 Sanyiin Ehudii sooressitooti maati'ii, ka Gebaa keessa le'ane, ka booji'amanee gara Manahaa fudhatamane:
1CH 8:7 Na'amaan, Ahiiyaa fi Gera'a. Geraan kun ka yennaa booju'uu san isaan sooresse; inni Uzaa fi Ahiihud uumate.
1CH 8:8 Shaharaayaam niitolee ifii Hushiimii fi Ba'araa lakkiseen duuba, biyya Mo'aabii keessatti ilmaan uumate.
1CH 8:9 Niitii ifii Hodeesh irraa: Yobaab, Ziibiyaa, Meshaa, Maalkaam,
1CH 8:10 Ye'uz, Saakiyaa fi Miirmaa uumate; isaan martinuu sooreyyii maatii isaanii ti.
1CH 8:11 Ammalle niitii ifii Hushiim irraa: ilmaan Abiitubii fi Elphaa'al uumate.
1CH 8:12 Ilmaan Elphaa'alii: Ebeer, Miishaamii fi Shemed. Shemediin kun ka qachaa Onootii fi Lodii olloota adaala isaanii jiranulle ijaare.
1CH 8:13 Berii'aa fi Shemaan, sooressitoota maatii qachaa Ayalonii keessa le'anuu ti; isaan worra qachaa Gaatii keessa le'anu ari'anee baasane.
1CH 8:14 Ahiiyon, Shaashaaq, Yeremoot,
1CH 8:15 Zebaadiyaan, Araad, Ader,
1CH 8:16 Mikaa'el, Yiispha'aa fi Yohaan ilmaan Berii'aa ti.
1CH 8:17 Zebaadiyaa, Meshulaam, Hiizeqi, Heber,
1CH 8:18 Yiishmeraayi, Yiizlii'aa fi Yobaab ilmaan Elphaa'alii ti.
1CH 8:19 Yaaqiim, Ziikri, Zabdi,
1CH 8:20 Elii'enaayi, Ziiletaay, Elii'el,
1CH 8:21 Adaayaa, Beraaya'aa fi Shiimraat ilmaan Shime'ii ti.
1CH 8:22 Yiishphaan, Ebeer, Elii'el,
1CH 8:23 Abdoon, Ziikri, Haanaan,
1CH 8:24 Hanaaniyaan, Elaam, Antotiiya,
1CH 8:25 Yefdeya'aa fi Phenu'el ilmaan Shaashaaqii ti.
1CH 8:26 Shamsheraayi, Shehariiya, Ataaliyaa,
1CH 8:27 Yaa'areshiiya, Eliya'aa fi Ziikri ilmaan Yerohaamii ti.
1CH 8:28 Isaan kun akka hidda dhaloota isaaniititti sooressitoota maati'ii te'anee barreeffamanee, Yerusaalem keessa le'ane.
1CH 8:29 Yeyi'el abbaa Giibe'onii ka qachaa Giibe'onii ijaaree keessa le'e; maqaan niitii isaa Ma'aka'a.
1CH 8:30 Ilmi isaa angafichi Abdoon; itti aananee Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab,
1CH 8:31 Gedoor, Ahiiyoo, Zaakerii
1CH 8:32 fi abbaa Shime'aa Miiklot. Isaan kunille fuullee fira ifii Yerusaalem keessa le'ane.
1CH 8:33 Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saa'olii ti; Saa'ol: Yonaataan, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aal uumate.
1CH 8:34 Yonaataan Meriib-Ba'aal uumate; Meriib-Ba'aal Miikaa uumate.
1CH 8:35 Ilmaan Miika'aa: Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz.
1CH 8:36 Ahaaz, Yeho'adaa uumate; Yeho'aadaan Aalemet, Azmaawetii fi Ziimrii uumate; Ziimri, Mozaa uumate.
1CH 8:37 Mozaan, Biine'aa uumate; Biine'aan, Raafaa uumate; Raafaan, El'aasaa uumate; El'aasaan, Azeel uumate.
1CH 8:38 Azeel ilmaan jaa: Azriiqaam, Bokeruu, Ishimaa'el, She'ariyaa, Obaadiya'aa fi Haanaan uumate; isaan kun martinuu ilmaan Azeelii ti.
1CH 8:39 Ilmaan Obboleessa isaa Asheeqii: angafichi Ulaam, ka lammeesso'oo Ye'ush, ka sadeesso'oo Eliifelex.
1CH 8:40 Ilmaan Ulaamii loltoota jajjaboo, worra guube'een lolu. Isaan ilmaan heddu'uu fi ilmaan ilmaa isaanii hedduu wolumatti dhibba tokkoo fi shantama qaban. Isaan kun martinuu sanyii Beniyaaminii ti.
1CH 9:1 Maarre kolbaan Israa'elii marti akka hidda dhaloota isaaniititti kitaaba mootota Israa'elii keessatti barreeffamane. Kolbaan Yihuda'aa sababa addatamiisa dhabiisa ifiitiif booji'antee gara biyya Baabilonii fudhatante.
1CH 9:2 Worri qara gara lafa ifiitii fi qachoota ifiititti deebi'ee qubate, Israa'eloota garii, hayyoota, Lewwootaa fi tajaajiltoota Galma Waaqaa ti.
1CH 9:3 Sanyii Yihuda'aa, sanyii Beniyaaminii, sanyii Efreemiitii fi sanyii Minaase'ee keessaa worri Yerusaalem keessa le'ane asii gad jiran:
1CH 9:4 Sanyii Faaresii ilma Yihuda'aa keessaa Utaayii ilma Amiihudii ti. Amiihudii ka Omirii, Omir ka Iimrii, Iimrii ka Baanii ti.
1CH 9:5 Sanyii Shiiloonii keessaa: Ilma isaa angaficha Asaayaa fi ilmaan isaa ti.
1CH 9:6 Sanyii Zeraa keessaa: Yewu'el. Kolbaan Yihuda'aa namoota dhibba jaa fi sagaltama.
1CH 9:7 Sanyii Beniyaaminii keessaa: Sa'aaluu ilma Meshulaamii ti. Meshulaam ka Hodaawiyaa, Hodaawiya ka Hasenu'aa ti.
1CH 9:8 Ilma Yerohaamii Yiibneyaa, akaakoo Miikrii, ilma Uzii Elaa, abuuboo Yiibniya'aa, akaakoo Rewu'elii, ilma Shefaaxiya'aa Meshulaam.
1CH 9:9 Kolbaan Beniyaaminii akka hidda dhaloota isaaniititti dhibba sagalii fi shantamii jaa. Isaan kun marti sooressitoota maatii ifii ti.
1CH 9:10 Hayyoota keessaa: Yedaa'iyaa, Yoyaariib, Yaakiin,
1CH 9:11 ilma Hilqiiya'aa Azaariya'a. Azaariyaan ka Meshulaamii, Meshulaam ka Zaadoqii, Zaadoq ka Meraayootii, Meraayoot ka Ahiixubii ti. Ahiixub itti gaafatamaa hujii Galma Waaqaa keessaa ti.
1CH 9:12 Adaayaan ilma Yerohaamii ti. Yerohaam ka Phashihurii, Phashihur ka Malkiiya'aa ti. Ma'aasayaan ilma Adii'elii ti. Adii'el ka Yaahizera'aa, Yaahiizera ka Meshulaamii, Meshulaam ka Meshiilemii, Meshiilem ka Iimerii ti.
1CH 9:13 Hayyooti sooressitooti maatii isaanii kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi jaatama; isaan kun worra jajjaba hujii Galma Waaqaa keessaa hujuu dande'u.
1CH 9:14 Lewwoota keessaa: ilma Hashubii Shemaa'iya'a. Hashub ka Azriiqaamii, Azriiqaam ka Hashabiiya'aa ti.
1CH 9:15 Baqbaqar, Heresh, Gaalaal, ilma Miika'aa Mataaniya'a. Miikaan ka Ziikrii, Ziikri ka Asaafii ti.
1CH 9:16 Obaadiyaa ilma Shemaa'iyaa ti. Shemaa'iya ka Gaalaalii, Gaalaal ka Yedutuu ti. Berekiiyaa ilma Aasa'aa ti. Aasaan ka Elqaana'aa ti. Elqaanaan ka olloota Netofaatotaa keessa le'e.
1CH 9:17 Eeddoti karraa: Shaalum, Aquub, Talmoon, Ahimaanii fi fira isaanii ti; Shaalum sooressaa isaanii ti.
1CH 9:18 Isaan haga adhaa karra karaa aduun baatuu ta mootichi ittiin ol seenutti ramadamaneeran; isaan eeddota quttuma Lewwootaa ti.
1CH 9:19 Abuuboon Qoree akaakoon Ebiyaasaafii ilmi Qoree Shaalumii fi firooti abbaa isaa Qoraahoti, akkuma abbootiin isaanii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa eegiisaaf itti gaafatantoota te'ane, isaanille hujii Galma Waaqaa keessaatitti itti gaafatantoota.
1CH 9:20 Ilmi Ele'azaarii Fiinehaas dur itti gaafatamaa eeddota karraa ti; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jiraayyu.
1CH 9:21 Seensuma karra Dunkaanii Woldeenna'aa ka eegu ilma Meshelemiya'aa Zakaariyaas.
1CH 9:22 Worri seensuma karra Galma Waaqaa eegiisaaf filame, wolumatti dhibba lamaa fi kudhanii lama. Isaan akka hidda dhaloota isaaniititti olloota ifii keessatti barreeffamane. Isaan kun akka isaan karra eeganu worra Daawitii fi raagichi Saamu'el ramadane.
1CH 9:23 Isaanii fi sanyiin isaanii itti gaafatantoota karra Galma Waaqaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa ti.
1CH 9:24 Worri karra eegu maddii arfaniinuu karaa aduun baatuun, karaa aduun seentuun, kaabaa fi kibbaan jiraniiyyu.
1CH 9:25 Worri fira isaanii ka ollaa isaanii keessa jiranu yennaa yenna'aan dhufanee guyyaa torbaaf isaan woliin eeganiiyyu.
1CH 9:26 Sooreyyiin Lewwootaa arfan eeddoti karraa, kolloota Galma Waaqaatii fi addee mey Galma Waaqaa itti maffamu addatamumma'aan eeganiiyyu.
1CH 9:27 Galma Waaqaa eegiisaaf, ganama ganamalle karra baniisaaf, itti gaafatamummaa furtu'uu waan qabanuuf, isaan adaala Galma Waaqaa bulaniiyyu.
1CH 9:28 Lewwooti gariin itti gaafatantoota meya Galma Waaqaa keessaa ti; isaan meya yennaa itti fayyadamanu laakkowanee baasanee yennaa galchanulle laakkowanee massan.
1CH 9:29 Lewwooti kuun meya gara garaa, meya woyyicha mara, bullaa qamadi'ii dansaa, daadhii woyni'ii, zayitii, hixaanaa fi uddowaa adda addaa irratti itti gaafatantoota te'ane.
1CH 9:30 Hayyoota keessaa gariin ammoo, uddowaa wolitti makiisaaf itti gaafatantoota te'ane.
1CH 9:31 Lewwoota keessaa Matiitiyaan ilmi angafichi Shaalumii firri Qoraahii addatamaa waan te'eef, itti gaafatamaa daabboo kennansaaf bilcheessanuu ti.
1CH 9:32 Fira isaanii fira Qehaatii keessaa gariin, Sanbata Sanbata daabboo xarapheessaa irra keyantu qopheessiisaaf itti gaafatantoota te'ane.
1CH 9:33 Worra Lewwootaa keessaa sooressitooti maati'ii, faarsitooti, halkanii fi guyyaalle waan tajaajilanuuf, hujii dhibii irraa bilisa te'anee, kolloota Galma Waaqaa keessa le'an.
1CH 9:34 Isaan kun martinuu, akka hidda dhaloota isaaniititti sooreyyii maatii Lewwi'ii, ka Yerusaalem keessa le'ane.
1CH 9:35 Abbaan Giibe'onii Yeyi'el qachaa «Giibe'on» jedhamu ijaaree achuma le'e; maqaan niitii isaa Ma'aka'a.
1CH 9:36 Ilmi isaa angafichi Abdoon; ka itti aananu Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab,
1CH 9:37 Gedoor, Ahiiyoo, Zakaariyaasii fi Miiklot.
1CH 9:38 Miiklot, Shime'aa uumate. Isaanille fira ifii bira Yerusaalem keessa le'ane.
1CH 9:39 Neer, Qiish uumate; Qiish, Saa'ol uumate; Saa'ol: Yonaataan, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aal uumate.
1CH 9:40 Yonaataan, Meriib-Ba'aal uumate; Meriib-Ba'aal, Miikaa uumate.
1CH 9:41 Ilmaan Miika'aa: Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz.
1CH 9:42 Ahaaz, Yaaraa uumate; Yaaraan: Alemet, Azmaawetii fi Ziimri uumate; Ziimri Mozaa uumate.
1CH 9:43 Mozaan, Biine'aa uumate; Biine'aan, Refaayaa uumate; Refaayaan, El'aasaa uumate; El'aasaan, Azeel uumate;
1CH 9:44 Azeel ilmaan jaa qaba; maqaan isaanii: Azriiqaam, Bokeruu, Ishimaa'el, She'ariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kun ilmaan Azeelii ti.
1CH 10:1 Bara san worri Filisxeemotaa Israa'eloota lolane; Israa'elootille isaan duraa adoo baqatanuu, bacaan isaanii gaara Giilbo'aa irratti ijjeefamane.
1CH 10:2 Worri Filisxeemotaa Saa'olii fi ilmaan isaa ari'anee, ilmaan isaa sad Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa ijjeesane.
1CH 10:3 Lolli kun Saa'ol irratti jabaate; worri daayaan lolu yennaa isa dhaggane, daayaan isa madeessane.
1CH 10:4 Saa'ol namicha meya lolaa ka isaa ba'atuun, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee akka natti hin taphanne, ati shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun ammoo, guddoo waan sodaateef, tana hin goone. Tanaaf, Saa'ol shallaagaa ifii fudhatee, isa irratti ifi dire.
1CH 10:5 Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun, Saa'ol akka du'e yennaa dhagge, innille shallaagaa ifii irratti ifi diree du'e.
1CH 10:6 Akka kanaan Saa'ol du'e; isaa fi ilmaan isaa sadiinuu, maatiin isaa marti woluma gula dhumatane.
1CH 10:7 Israa'elooti dhooqa san keessa jiranu, loltooti isaanii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Worri Filisxeemotaa dhufanee qachoota san qabatane.
1CH 10:8 Boruyyaa worri Filisxeemotaa, worra dhumatane san irraa meya mulqatiisaaf yennaa dhufane, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa gaara Giilbo'aa irratti dhaggane.
1CH 10:9 Isaan woyaa Saa'ol irraa mulqatanee, mataa isaa muranee, meya lolaa isaa fudhatanee, oduu dansaa tana waaqotaa fi kolbaa ifiititti akka himanuuf, lafa Filisxeemotaa mara keessa namoota ergane.
1CH 10:10 Isaan meya lolaa ka isaa galma waaqota ifii keessa keyanee, mataa isaa galma waaqa ifii ka Daagonii keessatti fannisane.
1CH 10:11 Namooti qachaa Yaabesh-Giil'aadii keessaa ammoo, waan worri Filisxeemotaa Saa'ol irratti godhane mara yennaa dhage'ane,
1CH 10:12 loltooti isaanii jajjaboon dhaqanee, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa fuudhanee, gara Yaabeshii fidane; lafee isaanii qilxaa jalatti awwaalanee, guyyaa torba laamane.
1CH 10:13 Saa'ol Mootii Waan Maraatiif addatamiisa waan dhabeef du'e; inni worra ekeraa dubbisu irraa gorsa gaafate malee, jecha Mootii Waan Maraatiif hin ajajanne.
1CH 10:14 Inni Mootii Waan Maraa hin gaafanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa isa ijjeesee, mootummaa isaa ilma Iseyii Daawititti dabarsee kenne.
1CH 11:1 Achiin duuba Israa'elooti martinuu Kebroonitti Daawiti biratti wolitti qabamanee, «Kunoo, nuuti foon keetii fi dhiiga keeti.
1CH 11:2 Dur yennaa Saa'ol mootii te'ee jiruuyyuu, ka Israa'eloota duulchisee galchu si'i. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iin, ‹Ati kolbaa tiyya Israa'el hin tissita; bulchaa kolbaa tiyya Israa'elii hin teeta› jedheera» jedhaneen.
1CH 11:3 Jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti mooticha Daawiti bira yennaa dhufane, inni fuula Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo gondoorate. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Saamu'eliitiin dubbatetti, isaan akka Daawiti Israa'el irratti mootii te'u muudane.
1CH 11:4 Mootichi Daawitii fi Israa'elooti marti gara qachaa Yerusaalemii ka «Yibus» jedhamuu duulane. Worri Yibusootaa ka achi keessa le'u,
1CH 11:5 Daawitiin, «Ati as hin seentu» jedhane. Daawiti ammoo, kushee Xiyoonii qabate; kusheen sun, «Qachaa Daawitii» jedhantee beekkante.
1CH 11:6 Daawiti, «Nami dursee Yibusoota lolu sooressa loltootaa ajajaa woraanaa hin te'a» jedhe. Yo'aab ka Zeruyaan deette dursee dhaqee isaan lolee, ajajaa te'e.
1CH 11:7 Achiin duuba Daawiti kushee san keessa le'e; tanaaf isiin, «Qachaa Daawitii» jedhante.
1CH 11:8 Inni kaabii, «Miiloo» jedhantuu kaasee, kushee sanitti naannessee qachaa ijaare; Yo'aabille qachaa hafe deebisee haaresse.
1CH 11:9 Mootiin Waan Maraa ka waan mara dade isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa ideeme.
1CH 11:10 Isaan kun Loltoota Daawitii keessaa gootota, kolbaa Israa'elii mara woliin akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa galetti, akka Daawiti mootii te'u, mootummaan isaalle akka jabaattu worra mootummaa isaa keessatti isa qarqaare.
1CH 11:11 Laakkossi loltoota gootota Daawitii ka asii gad jiru: Ka qaraa Yaashobi'aam ka fira Hakmonii sooressa gootota sadii ti; inni lola tokko keessatti eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeese.
1CH 11:12 Gootota sad keessaa ka isatti aanu, fira Ahohii ilma Dodoo Ele'azaar.
1CH 11:13 Yennaa worri Filisxeemotaa lolaaf Phasdamiimitti wolitti qabamane, inni Daawiti woliin achi jiraayyu; addee fichaa garbuun bacaan keessa jiruutitti, Israa'elooti worra Filisxeemotaa duraa baqatane.
1CH 11:14 Daawitii fi Ele'azaar fichaa san keessatti waan addee qabataneeranuuf, worra Filisxeemotaa lolane; Mootiin Waan Maraa injifachaa guddoo isaaniif kenne.
1CH 11:15 Loltoota worra Filisxeemotaa keessaa gariin, dhooqa Refaa'iimii keessatti kushee qabatanee adoo jiranuu, sooreyyii loltoota Daawitii soddoma keessaa sad, Daawiti bira gara rassaa goda Adulaamii bira jiruu dhaqane.
1CH 11:16 Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; loltooti Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiraniiyyu.
1CH 11:17 Daawiti bisaan dheebotee, «Boolla bisaanii ta karra Betlihem bira jirtu keessaa, bisaan ani unu eennutti woraabee naa fida laati!» jedhe.
1CH 11:18 Achiin duuba loltooti goototi sadiin sun, loltoota worra Filisxeemotaa keessa dabaranee, boolla karra Betlihemii bira jirtu san keessaa bisaan woraabanee, Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansaa godhee Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee,
1CH 11:19 «Akka ani bisaan kana hin unne Waaqi narraa fageessuu ti! Bisaan kana uniis akka ani dhiiga namoota lubbuu ifii gurguratanee, bisaan kana fidanee unaneetii motii ree?» jedhe. Tanaaf inni bisaan san hin unne. Namooti goototi sadiin sun wonni godhane tana.
1CH 11:20 Obboleessi Yo'aabii Abiishaayi sooressa loltoota gootota sadiin sanii ti; inni eboo ifii fudhatee namoota dhibba sad ijjeesee, akka loltoota gootota sadiin sanii gurra dhaggate.
1CH 11:21 Inni loltoota sadiin san keessaa tokko te'uu dhabulle, isaan caalaa ulfinna guddaa dhaggatee ajajaa isaanii te'e.
1CH 11:22 Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee neenqa tokkolle ijjeeseera.
1CH 11:23 Inni nama biyya Gibxi'ii ka ciqilee shan dheeratu tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun, eboo somey isi'ii muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowu itti maru fakkaattu qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese.
1CH 11:24 Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate.
1CH 11:25 Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawiti worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate.
1CH 11:26 Loltooti goototi ka asii gad jiranu: obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa,
1CH 11:27 nama biyya Harorii Shaamoot, nama biyya Phelonii Helez,
1CH 11:28 nama biyya Teqo'aa ilma Iiqishii Iiraa, nama biyya Anaatotii Abii'ezer,
1CH 11:29 nama biyya Hushii Siibekaayi, nama biyya Ahohii Iilaayi,
1CH 11:30 nama biyya Netofii Maharaay, nama biyya Netofii ilma Ba'anaa Heled,
1CH 11:31 sanyii Beniyaamii keessaa nama biyya Giibe'aatii ilma Riibaayii Iitaayi, nama biyya Phiiraatonii Benaayaa,
1CH 11:32 nama biyya dhooqa Ga'aashii keessaa Huraayi, nama biyya Aarbataahii Abii'el,
1CH 11:33 nama biyya Baharumii Azmaawet, nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa,
1CH 11:34 ilmaan Haashemii nama biyya Giizonii, nama biyya Haraarii ilma Shaagee Yonaataan,
1CH 11:35 nama biyya Haraarii ilma Saakaarii Ahii'aam, ilma Urii Eliifaal,
1CH 11:36 nama biyya Mekeraatii Hefer, nama biyya Phelonii Ahiiyaa,
1CH 11:37 nama biyya Qarmelosii Hezro, ilma Ezbaayii Na'araayi,
1CH 11:38 obboleessa Naataanii Yo'el, ilma Hagrii Miibhaar,
1CH 11:39 nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii ka meya lolaa Yo'aabii ba'atu, ka Zeruyaan deette Naharaayi,
1CH 11:40 nama biyya Yaatiirii Iiraa, nama biyya Yaatiirii Gaareb,
1CH 11:41 nama biyya Heetii Uriiyaa, ilma Ahilaayii Zaabaad,
1CH 11:42 ilma Shiizaa nama biyya Ruubenii ka gosa Ruubeniitii fi loltoota soddoma isa woliin jirtuuf sooressa te'e Adiinaa,
1CH 11:43 ilma Ma'akaa Haanaan, nama biyya Miitaanii Yoshaafaax,
1CH 11:44 nama biyya Ashteraatii Uziyaa, ilmaan Hotaamii nama biyya Aro'erii Shaamaa'ii fi Yeyi'el,
1CH 11:45 ilmaan Shiimrii nama biyya Tiizaahii Yediyaa'elii fi obboleessa isaa Yohaa,
1CH 11:46 nama biyya Mahawaatii Elii'el, ilmaan Elnaa'aamii Yeriibaayii fi Yoshaabiyaa, nama biyya Mo'aabii Iitmaa,
1CH 11:47 Elii'el, Obedii fi nama biyya Mezoobii Ya'aasi'el.
1CH 12:1 Daawiti ilma Qiishii Saa'ol duraa dhokatee Siiqlaag keessa adoo jiruu, loltoota gootota duula keessatti isa qarqaarane keessaa ka gara isaa dhufane, ka asii gad jiranu:
1CH 12:2 Isaan worra guube'ee ka daaya harka middaatii fi bita'aatiin darbatiisa, dhakaalle qolaansiisa dande'u, gosa Beniyaamii keessaa fira Saa'olii ti;
1CH 12:3 Sooressitooti isaanii Ahii'ezerii fi Yo'aas; isaan lamaanuu ilmaan Shema'aa nama biyya Giibe'aatii ti; ilmaan Azmaweeyezii'elii fi Phelex, Beraakaa, nama biyya Anaatotii Yehuu,
1CH 12:4 nama biyya Giibe'onii Yishmaa'iyaa ka odduu loltoota soddomaatitti gooticha sooressa isaanii te'e; Ermiyaas, Yahaazi'el, Yohaannaan, nama biyya Gederaatii Yozaabaad,
1CH 12:5 Eluzaayi, Yeremoot, Belaayaa, Shemaariyaa, nama biyya Haruufii Shefaaxiyaa,
1CH 12:6 Elqaanaa, Yeshiiyaa, Azaarel, Yo'ezerii fi nama biyya Qoraahii Yaashaabe'aam,
1CH 12:7 nama biyya Gedoorii keessaa ilmaan Yerohaamii Yo'elaa fi Zebaadiya'a.
1CH 12:8 Daawiti kushee goomolee keessaa keessa adoo jiruu gosa Gaadii keessaa loltooti goototi gara isaa dhufane; isaan worra wonte'ee fi woraana qabatiisa beekanu, ka fuulli isaanii akka fuula neenqaa sodaachisuu fi ariitiin isaaniille akka buddannee gaara irraa ti.
1CH 12:9 Sooressitooti isaanii tokkeessoon Ezer, lammeessoon Obaadiyaa, sadeessoon Eliiyaab,
1CH 12:10 arfeessoon Miishimana'a, shaneessoon Ermiyaas,
1CH 12:11 jayeessoon Aataayi, torbeessoon Elii'el,
1CH 12:12 saddeetessoon Yohaanna'a, sagaleessoon Elzaabaad,
1CH 12:13 kudhaneessoon Ermiyaas, kudha tokkeessoon Maakbaanaay.
1CH 12:14 Isaan kun ajajjoota loltoota gosa Gaadii ti; isaan keessaa ajajaan diqqaan akka ajajaa loltoota dhibbaa ti; ajajaan guddaan akka ajajaa loltoota kumaa ti.
1CH 12:15 Isaan ji'a qaraa keessa, yennaa lagi Yordaanosii guute, gamatti bu'anee worra Yordaanos irraa karaa aduun baatuu fi karaa aduun seentu dhooqa keessa le'u mara ari'ane.
1CH 12:16 Gosa Beniyaaminiitii fi gosa Yihuda'aa keessaa namooti gariin gara kushee isaa Daawiti bira dhufane.
1CH 12:17 Daawiti isaan qophatiisaaf gara isaanii gad bayee isaaniin, «Isin nageyaaf, na qarqaariisaafille gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane, isin fudhatiisaaf qophoweera. Adoo ani dokonkora tokko hin qabaatin, isin diina kiyyatti dabarsitanee na kenniisaaf gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane ammoo, Waaqi abbootii teennaa isin dhagguu ti; isinille'etti muruu ti» jedhe.
1CH 12:18 Achiin duuba ayyaanni Waaqaa ajajaa loltoota soddomaa Amaasaayi irratti bu'ee, «Ee Daawiti, nuuti keeti; Ee ilma Iseyii nuuti si woliin jirra; Waaqi waan si qarqaaruuf nageenni siif te'u! worra si qarqaaruufille nageenni te'uu ti» jedheen. Maarre Daawiti isaan fudhatee, sooressitoota loltoota ifii godhate.
1CH 12:19 Daawiti worra Filisxeemotaa woliin Saa'olii mooticha loliisaaf yennaa dhaqe, gosa Minaase'ee keessaa gariin finqilanee loltoota Daawitiititti makamane; te'uu malee Daawitii fi namooti isaa worra Filisxeemotaa hin qarqaarre; sababille sooressitooti Filisxeemotaa, «Daawiti, nu fixee gara goottaa ifii Saa'olii deebi'a» jedhanee waan sodaataneef, mari'atanee akka inni achii deemu godhane.
1CH 12:20 Yennaa Daawiti gara Siiqlaagii dhaqe gosa Minaase'ee keessaa, ajajjooti kumaa: Adiinaa, Yozaabaad, Yediyaa'el, Mikaa'el, Yozaabaad, Eliihuu fi Ziiletaay finqilanee gara isaa galane.
1CH 12:21 Isaan kun marti loltoota gootota waan te'aneef, loltoota isaa keessalle'etti ajajjoota waan te'aneef, worra Daawititti duule loliisaan isa qarqaarane.
1CH 12:22 Loltooti Daawitii akka loltoota Waaqaa haga bacatanutti, namooti isa qarqaarsiisaaf guyyuma guyya'aan gara isaa dhufane.
1CH 12:23 Akkuma Mootiin Waan Maraa Daawitiif waadaa galetti, laakkossi loltoota lolaaf hidhatanee, mootummaa Saa'olii mootichaa gara isaa deebisiisaaf, Kebroonitti gara Daawitii worri dhufe ka asii gad jiru:
1CH 12:24 Wonte'ee fi eboo qabatanee lolaaf worri qophowane, namooti Yihuda'aa loltoota kuma jaa fi dhibba saddeeti.
1CH 12:25 Gosa Shimi'oonii keessaa loltooti goototi lolaaf qophowane, namoota kuma torbaa fi dhibba tokko.
1CH 12:26 Gosa Lewwi'ii keessaa loltoota kuma afurii fi dhibba jaa.
1CH 12:27 Akkasuma fira Aaronii keessaa Yehoyaadaa sooressaa isaanii woliin nama kuma sadii fi dhibba torba.
1CH 12:28 Dargaggeessa goota Zaadoqii fi maatii abbaa isaa keessaa ajajjooti diddamii lama.
1CH 12:29 Fira Saa'olii keessaa namooti Beniyaamii kum sad, isaan keessaa gariin irra caalaan haga bara saniititti Saa'oliif addatamane.
1CH 12:30 Namoota Efreemii keessaa, loltooti goototi fira abbaa ifii keessatti beekkamane kuma diddamaa fi dhibba saddeeti.
1CH 12:31 Namoota gamisa gosa Minaase'ee keessaa, ka maqaan isaanii galmeeffamee, Daawiti mootii godhatiisaaf dhufane, namoota kuma kudha saddeeti.
1CH 12:32 Sanyii Yisaakorii keessaa, worri bara hubatane, waan Israa'el maltelle worri beekane, fira isaanii worra ajaja isaanii jala jiranu mara woliin sooreyyiin dhibba lama.
1CH 12:33 Namoota Zebuloonii keessaa, loltooti meya lolaa maraan leenjifamanee lolaaf qophowane, ka gadhaa tokkochaan Daawiti qarqaariisaaf dhufane, namoota kuma shantama.
1CH 12:34 Sanyii Niftaalemii keessaa ajajjooti kuma tokko; isaan wolille'een worri wonte'ee fi eboo qabatu nama kuma soddomii torba.
1CH 12:35 Sanyii Daanii keessaa ka lolaaf qophowane, namoota kuma diddamii saddeetii fi dhibba jaa.
1CH 12:36 Sanyii Asheerii keessaa ka lolaaf leenjifamanee duulaaf qophowane kuma afurtama.
1CH 12:37 Worra laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu keessaa, namooti Ruubenii, namooti Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee ka meya lolaa mara hidhatane, nama kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama.
1CH 12:38 Loltooti lolaaf qophootte tun martinuu gadhaa tokkochaan, Daawiti Israa'el irratti mootii godhatiisaaf gara Kebroonii dhufane. Namooti Israa'elii worri hafane martille, Daawiti mootii godhatiisaaf yaadi isaanii akkuma san tokko te'e.
1CH 12:39 Namooti kun waan firri isaanii isaaniif qopheessane nyaataa, unaa guyyaa sad Daawiti bira turane.
1CH 12:40 Israa'el keessatti yennaa gammadaa waan teeteef, namooti adaala isaanii jiranulle, lafa fagoo Yisaakor irraa, Zebuloonii fi Niftaalem irraa sagalee harreelle'etti, gaalotatti, gaangole'ee fi sangootatti fe'anee bullaa, bixee harru'uu, bixee midhaan woyni'ii, daadhii woyni'iitii fi zayitii bacaa fe'anee fidane. Sangootaa fi hooleelle fidanee dhufane.
1CH 13:1 Daawitiin mootichi ajajjoota ifii ta kumaatii fi ta dhibbaa, sooreyyii ifii mara woliin mari'ate.
1CH 13:2 Achiin duuba Daawiti gumii Israa'elootaa maraan, «Wonni kun yoo isinitti dansaa fakkaatte, fedhii Mootii Waan Maraa Waaqa keennaalle yoo teete, obboleeyyan teenna ta hatte, worri lafa Israa'elii keessa jiranu, hayyootaa fi Lewwooti qachoota ifii keessaa fi lafa tikaa ta ifii keessa jiranu marti, dhufanee akka nu woliin wolitti qabamanu namoota isaanitti ergina.
1CH 13:3 Kowa'a, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa ta bara mootummaa Saa'olii hin barbaadin, dhandhee fidanna» jedhe.
1CH 13:4 Wonni sun marti isaan maratti sirrii teetee waan mudhatteef, kolbaan sun marti tana godhiisaaf wolii galte.
1CH 13:5 Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa Kiriiyat-Ya'ariimii fidiisaaf, Israa'eloota laga Shiihorii ka Gibxii keessaatii jalqabee, haga seensuma Haamaatii jiranu mara wolitti qabe.
1CH 13:6 Daawitii fi Israa'elooti marti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqa Mootii Waan Maraa ta maqaa isaatiin waamante, ta dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan odduu barcuma'aa irra keyante san fidiisaaf, gara qachaa Ba'aalaa, ka Yihudaa keessaa ka «Kiriiyat-Ya'ariimii» jedhamutti ol bayane.
1CH 13:7 Isaan Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa mana Abinaadaabiitii fuudhanee, garreettaa haareya irra keyanee fidane. Uzaanii fi Ahiiyon garreettaa harkifamu san oofane.
1CH 13:8 Daawitii fi Israa'elooti marti hunna ifii maraan Waaqa duratti weeddu'uun, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuu fi tultulla'aan jilifatane.
1CH 13:9 Eeddummee Kiidonii yennaa geyane qotiyyooti garreettaa harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san qabiisaaf itti hiixate.
1CH 13:10 Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san harka ifiitiin waan tuqeef, Mootiin Waan Maraa isatti aaree isa dhowe. Maarre inni achuma Waaqa duratti du'e.
1CH 13:11 Aariin Mootii Waan Maraa waan Uzaa cassiteef, Daawiti aare. Addeen sun haga adhaatitti «Pherez-Uzaa» jedhanti.
1CH 13:12 Daawiti gaafasii jalqabee Waaqa sodaatee, «Ani attamiin Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa tana fudhadhee galuu dande'a ree?» jedhe.
1CH 13:13 Tanaaf, Daawiti Saanduqa Gondooro'oo san gara qachaa ifii fudhatee galiisa lakkisee, gara mana Obed-Edoomii nama qachaa Gaatii geesse.
1CH 13:14 Saanduqi Gondooro'oo ta Waaqaa, ji'a sad maatii Obed-Edoomii woliin mana isaa keessa turte. Mootiin Waan Maraalle maatii Obed-Edoomiitii fi waan inni qabu mara eebbise.
1CH 14:1 Mooticha Daawitiif mana mootumma'aa akka ijaaranuuf, mootichi Xiiroosii Hiiraam namoota mana dhaka'aan ijaaranuu fi namoota muka bociisa beekanu, muka hindheensaa woliin isaaf erge.
1CH 14:2 Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke.
1CH 14:3 Daawiti Yerusaalem keessatti dubartii ede'ee fuudhee, ilmaanii fi ijoollee durraa ede'ee uumate.
1CH 14:4 Maqaan ijoollee inni Yerusaalemitti uumatee: Shamu'aa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
1CH 14:5 Yiibhaar, Eliishuwaa, Elphaalex,
1CH 14:6 Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa,
1CH 14:7 Eliishaamaa, Ba'aal-Yaadaa fi Eliifelex.
1CH 14:8 Daawiti biyya Israa'elii irratti mootii akka te'e worri Filisxeemotaa yennaa dhage'e, marti isaaniituu isa qabiisaaf ol bayane; Daawitille isaan loliisaaf duula itti baye.
1CH 14:9 Worri Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii geyanee saamiisa jalqabane.
1CH 14:10 Daawiti, «Worra Filisxeemotaatitti duuluu? Ati harka kiyyatti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Waaqa gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ee, duuli, ani harka keetitti dabarsee isaan hin kenna» jedhe.
1CH 14:11 Maarre Daawiti namoota ifii woliin gara Ba'aal Pheraaziimii ol bayee, worra Filisxeemotaa lolanee injifatane. Inni, «Akka lolaan bisaanii ededa caccassu, Waaqi harka kiyya irratti diinota kiyya caccasse» jedhe. Tana irratti maqaan addee saniille, «Ba'aal-Pheraaziim» jedhamee moggaafame.
1CH 14:12 Worri Filisxeemotaa waaqota ifii ka dharaa achitti lakkisanee baqatane; Daawiti akka isaan gubamanuuf ajaja baase.
1CH 14:13 Worri Filisxeemotaa ammalle deebi'anee dhooqa san saamiisa jalqabane.
1CH 14:14 Daawiti ammalle Waaqa gaafate; Waaqille deebisee, «Marfadhuutii muka harru'uu biraan isaan loli malee, fuula duraan itti ol hin bayin.
1CH 14:15 Qoonqoo geerarsaa qaccee muka harru'uu gubba'atti yennaa dhageette, ani loltoota Filisxeemotaa injifatiisaaf si'iin dura waan bayuuf, isaan loliisaaf dhaqi» jedheen.
1CH 14:16 Daawiti akkuma Waaqi isa ajaje godhee, namoota ifii woliin, Giibe'onii jalqabee haga Gezeriititti loltoota worra Filisxeemotaa ari'e.
1CH 14:17 Gurri Daawitii lafa maratti dhage'ame; Mootiin Waan Maraalle gosi biyyi adda addaa akka isa sodaattu godhe.
1CH 15:1 Daawiti qachaa ifii keessatti mana ijaarrateen duuba, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif addee qopheessee, dunkaanii dhaabeef.
1CH 15:2 Achiin duuba Daawiti, «Mootiin Waan Maraa, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa akka ba'atanuuf, haga bara baraa isa akka tajaajilanu, Lewwoota waan filateef, isaan malee nami tokkolle Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hin ba'atu» jedhe.
1CH 15:3 Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san, gara addee inni isi'iif qopheessee akka fidanuuf Israa'eloota mara Yerusaalemitti wolitti qabe.
1CH 15:4 Inni sanyii Aaroniitii fi Lewwootalle wolitti qabe.
1CH 15:5 Worri inni wolitti qabe, sanyii Qehaatii keessaa sooressa Urii'elii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi diddama,
1CH 15:6 sanyii Meraarii keessaa sooressa Asaaya'aa fi firoota isaa nama dhibba lamaa fi diddama,
1CH 15:7 sanyii Gershoomii keessaa sooressa Yo'elii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi soddoma,
1CH 15:8 sanyii Eliizaafaanii keessaa sooressa Shemaa'iyaa fi firoota isaa nama dhibba lama,
1CH 15:9 sanyii Kebroonii keessaa sooressa Elii'elii fi firoota isaa nama saddeettama,
1CH 15:10 sanyii Uzii'elii keessaa sooressa Aminaadaabii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi kudhanii lama.
1CH 15:11 Achiin duuba Daawiti hayyoota lama Zaadoqii fi Abiyaataar, akkasuma Lewwoota jaa Urii'el, Asaayaa, Yo'el, Shemaa'iyaa, Elii'elii fi Aminaadaab waamee,
1CH 15:12 «Isin sooressitoota maatii Lewwootaa ti. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, gara addee ani isi'iif qopheessee fidiisaaf, ifii fi fira keessanille woyyoonsa'a.
1CH 15:13 Yennaa qaraa isin Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo hin ba'anne; nuutille akka ajaja isaatitti isa hin barbaanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna aarii ifii nu irratti bobeesse» jedhee dubbate.
1CH 15:14 Maarre hayyootii fi Lewwooti, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii fidiisaaf, ifi woyyoonsane.
1CH 15:15 Muuseen akka jecha Mootii Waan Maraatitti akkuma ajaje, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa san danqara'aan gurmuu ifii irratti ba'atane.
1CH 15:16 Daawiti itti dabalee sooressitooti Lewwootaa, namoota meya faaru'uutiin, maseenqo'oon, kiraara guddichaan, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, faaruu nama gammachiittu akka faarfatanu fira ifii keessaa akka filanu ajaje.
1CH 15:17 Maarre worri Lewwootaa ilma Yo'elii Hemaan, fira isaa keessaa ilma Berekiiya'aa Asaafii fi ilma Qushaaya'aa Etaan filatane.
1CH 15:18 Isaan wolille'een sadarkaa lammeesso'ootitti fira isaanii ka filamane Zakaariyaas, Ya'aasi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Unii, Eliiyaab, Benaayaa, Ma'aseyaa, Matiitiyaa, Eliifelehuu, Miiqneyaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el worra karra eegu godhane.
1CH 15:19 Worri faarfatu Hemaan, Asaafii fi Etaan worra sibiila sageettu'uu wolitti dhowanee qilillisiisan.
1CH 15:20 Zakaariyaas, Azii'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Uniin, Eliiyaab, Ma'aseyaanii fi Benaayaan, maseenqoo akka qoonqoo dubartootaa ta ol qabataneetitti dhowan.
1CH 15:21 Matiitiyaan, Eliifelehuun, Miiqneyaan, Obed-Edoom, Yeyi'elii fi Azaziiyaan kiraara guddicha dhowan.
1CH 15:22 Qayinaaniin Lewwichi sooressa faarsitootaa itti gaafatamaa faaru'uu ti; inni beekkicha faaru'uu ti.
1CH 15:23 Berekiiyaanii fi Elqaanaan eeddota karra Saanduqa Gondooro'oo ti.
1CH 15:24 Hayyooti Shebaniyaan, Yoshaafaax, Nataani'el, Amaasaayi, Zakaariyaas, Benaayaanii fi Elii'ezer Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan. Obed-Edoomii fi Yehiiyaan eeddota karra Saanduqa Gondooro'oo ti.
1CH 15:25 Maarre Daawiti, jaarsoleen Israa'eliitii fi ajajjooti kumaa, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomiitii fidiisaaf gammada gudda'aan dhaqane.
1CH 15:26 Waaqi Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'atane san waan qarqaareef, isaan korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba ciincaa dhikeessane.
1CH 15:27 Daawiti gaafas akkuma Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atanuu, akka faarsitootaatii fi akka Qayinaanii itti gaafatamaa faarsitootaa, woyaa quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffateeraayyu; itti dabaleelle woyaa dirata qomaa ta quncee talba'aa irraa hujate uffateeraayyu.
1CH 15:28 Maarre Israa'elooti marti ilillisaa, gaafa korbeeyyii hoole'eetii fi tultullaa afuufaa, sibiila wolitti dhowaa qilillisiisaa, kiraara guddichaa fi maseenqoo dhowaa, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidane.
1CH 15:29 Yennaa Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara qachaa Daawitii gale, intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin gad ilaaltee, mootichi Daawiti firinxiixee sirbuun yennaa dhaggite, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte.
1CH 16:1 Isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabeef keessa keyane; achiin duuba kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessane.
1CH 16:2 Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessee fixeen duuba, maqaa Mootii Waan Maraatiin kolbaa eebbise.
1CH 16:3 Inni Israa'eloota tokko tokkoof dhiiraa fi dubarti'iif, xaltaa daabbo'oo tokko tokko, foon gumaa tokko tokko, bixee midhaan woyni'ii tokko tokko hireef.
1CH 16:4 Daawiti Lewwoota keessaa worra garii ka Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tajaajilanuu fi ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gaafatanu, ka galateeffatanuu fi leellifatanu file.
1CH 16:5 Sooressi isaanii Asaaf, itti aanaan Zakaariyaas; worri maseenqo'oo fi kiraara guddicha dhowanu Yeyi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el; Asaaf sibiila wolitti dhowee qilillisiisa.
1CH 16:6 Hayyooti Benaayaanii fi Yahaazi'el yennaa mara, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan.
1CH 16:7 Guyyaa san faaruun galataa ta Mootii Waan Maraa ta Daawiti qara Lewwootii fi Asaaf akka faarfatanu itti kenne ta asii gad jirtu:
1CH 16:8 Mootii Waan Maraa galateeffadha'a; maqaa isaa waammadha'a; Waan inni godhelle odduu gosa biyya adda addaatitti beessisa'a.
1CH 16:9 Isa faarfadha'a; isa leellifadha'a hujii isaa ta maade'ee hima'a.
1CH 16:10 Maqaa isaa woyyichaan bondhoora'a; worri Mootii Waan Maraa barbaadu firinxiixuu ti.
1CH 16:11 Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa barbaada'a; Yennaa mara fuula isaa barbaadadha'a!
1CH 16:12 Hujii maade'ee ta inni huje, baasa isaatii fi muraa inni kennelle qaabadha'a.
1CH 16:13 Ee, isin sanyiin Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaa, isin sanyii Israa'elii, ta Waaqaaf filatantane,
1CH 16:14 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna; muraan isaa lafa mara hin dhaqqaddi.
1CH 16:15 Inni Gondooroo ifii haga bara baraa, ajaja ifiille haga dhaloota kumaa hin yaadata.
1CH 16:16 Gondooroo Abrahaam woliin gondoorate, kakuu Yisihaqiif waadaa gale hin eegata.
1CH 16:17 Tun Yaaqoobiif seerata jabaa, Israa'eliifille Gondooroo bara baraa akka teetuuf godhe.
1CH 16:18 Inni, «Qooda dhaala sanyii teetii akka teetuuf, lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe.
1CH 16:19 Yennaa san laakkossi isaanii hin bacanne, isaan nama diqqaa lafa sanitti alagaa te'e.
1CH 16:20 Gosa biyya tokkoo irraa gara gosa biyya tokkootitti, mootummaa tokko irraa gara mootummaa tokkootitti daaqane.
1CH 16:21 Inni nami tokkolle akka isaan cunqursu hin lakkinne; inni isaaniif jedhee moototaayyuu xixee,
1CH 16:22 «Worra ani muude hin tuqina'a; raagota tiyyalle hin miidhina'a» jedhe.
1CH 16:23 Biyyi lafaa martinuu Mootii Waan Maraatiif faarfadha'a; fayyisuu isaalle guyyuma guyya'aan odeessa'a.
1CH 16:24 Gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna isaa, kolbaa mara oddu'utti hujii baasa isaa ta baasaa lassa'a.
1CH 16:25 Mootiin Waan Mara guddaa waan te'eef guddoo leellifamuu qaba; waaqota mara caalaa sodaatamuu qaba.
1CH 16:26 Waaqoti gosa biyya adda addaa marti waaqota dharaa ti; Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade.
1CH 16:27 Ulfinnaa fi arnyi fuula isaa dura jabeennii fi gammadi addee bultoo isaa jiran.
1CH 16:28 Ee, isin firri gosa biyya adda addaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; ulfinnaa fi jabeenna isaalle leellisa'a.
1CH 16:29 Ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; kennansa fida'aatii isa dura dhikaadha'a. Ulfinna woyyummaa isaatiif, Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a.
1CH 16:30 Lafa mara isa duratti sheephisa'a; Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatteerti; isiin ijjumaa hin tachootu.
1CH 16:31 Ol-gubbaan gammadduu ti; lattille firinxiixxuu ti. Kolbaan gosa biyya adda addaa oddu'utti, «Mootiin Waan Maraa mowe» jettuu ti.
1CH 16:32 Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti shookkisanuu ti; ficha'aa fi wonni isa keessaa marti firinxiixanuu ti.
1CH 16:33 Mootiin Waan Maraa biyya lafaa irratti muriisaaf waan dhufuuf, mukooti gongoma'aa gammadaa isa duratti faarsanuu ti.
1CH 16:34 Maganne'e, Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te'eef, isa galateessa'a.
1CH 16:35 Isin, «Nuuti maqaa keeti woyyicha akka galateeffannuuf, ulfinna keeti akka leellifannuuf, ee, Waaqa fayyisaa keenna, ati gosa biyya adda addaa harkaa nu baasiitii, wolitti nu qabi» jedhaalle'e.
1CH 16:36 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii haga bara baraa leellifamuu ti. Achiin duuba kolbaan marti, «Ameen! Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti» jette.
1CH 16:37 Asaafii fi Lewwooti akka isaa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti, guyyuma guyya'aan akka tajaajilanu, Daawiti achitti isaan lakkise.
1CH 16:38 Akkasuma ammalle Obed-Edoomii fi Lewwooti akka isaa namooti jaatamii saddeeti, ilmi Yedutuu Obed-Edoomii fi Hosaah karra akka eeganuuf achitti isaan lakkise.
1CH 16:39 Zaadoqii Hayyichaa fi hayyoota akka isaa, Dunkaanii Woldeenna'aa ta Mootii Waan Maraa ta addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessa jirtu duratti,
1CH 16:40 guyyaa mara ganamaa fi galgala, akkuma seera Mootiin Waan Maraa Israa'eliif kenne keessatti barreeffametti, addee ciinca'aa irratti kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanuuf, Daawiti achitti isaan lakkise.
1CH 16:41 Isaan wolille'een Hemaan, Yedutuu fi worri dhibiin hafe ka filame, «Jaalalli Mootii Waan Maraa ka bara baraa ti» jedhaa faarsulle woliin jiraniiyyu.
1CH 16:42 Hemaanii fi Yedutuun itti gaafatantoota meya ittiin Waaqa faarfatanuu, ka tultulla'aatii fi sibiila wolitti dhowanee qilillisiisanuu te'ane. Ilmaan Yedutuu eeddota karra dalleyaa te'ane.
1CH 16:43 Achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii galte; Daawitille maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii dhaqe.
1CH 17:1 Daawiti mana mootummaa ifii keessa qubateen duuba, inni raagicha Naataaniin, «Kunoo, ani mana muka hindheensaatiin ijaarame keessa le'a; Saanduqi Gondooro'oo Mootii Waan Maraa ammoo dunkaanii jala jira» jedhe.
1CH 17:2 Naataanille deebisee Daawitiin, «Waaqi si woliin waan jiruuf, waan gadhaan keeti yaade mara godhi» jedhe.
1CH 17:3 Halkanuma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee,
1CH 17:4 «Dhaqiitii tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: mana ani keessa le'u ka naaf ijaaru si'ii moti.
1CH 17:5 Ani bara Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baaseen jalqabee haga ammaatitti, dunkaanii takkaa irraa gara dunkaanii taaniititti, addee quttumaa takka irraa gara addee quttumaa taanitti deeme malee, mana keessa hin leene.
1CH 17:6 Israa'eloota mara woliin lafa dhaqe maratti, abbootii mura'aa ta Israa'elii worra ani kolbaa tiyya akka eeganuuf ajaje keessaa tokkolle'een: muka hindheensaatiin maaf mana naa ijaaruu didde? jedhee beekaa?
1CH 17:7 « ‹Tanaaf, amma ati garbicha kiyya Daawitiin: Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, adoo ati hoolee tissituu tika keessaa si fudhadhe.
1CH 17:8 Lafa ati dhaxxe maratti si woliin jiraayyu; diinota keeti maralle fuula keeti duraa balleesse. Ammalle akka maqaa namoota gugurdaa biyya lafaa keessaa akka maqaa tokkochaa maqaa keeti hin godha.
1CH 17:9 Kolbaa tiyya Israa'eliif addee hin kenna; isaan hin sarbamanu; biyya ifii keessa hin le'an. Haganaa achi namooti hamooleen akka yennaa durii san isaan hin cunqursanu.
1CH 17:10 Yennaa ani abbootii mura'aa kolbaa tiyya Israa'eliif kaaseen jalqabanee, ka isaan cunqursane, deebi'ane isaan hin cunqursanu; diinolee teeti mara gad hin deebisa. Mootiin Waan Maraa mootummaa sanyii teetii jabeessee akka dhaabu ani sitti hima.
1CH 17:11 Barri keeti geyee duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa.
1CH 17:12 Inni mana naaf hin ijaara; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa.
1CH 17:13 Ani abbaa isaa hin te'a; inni ilma kiyya hin te'a. Mooticha si'iin duraa irraa jaalala kiyya ka bara baraa akka kaase, ilma keeti irraa jaalala kiyya ka bara baraa hin kaasu.
1CH 17:14 Inni kolbaa tiyya irratti, mootummaa tiyya irralle'etti bara baraan jabaatee akka dhaabbatu hin godha; barcumaan mootummaa isaalle bara baraan jabaatee hin jiraata› jedhi» jedhe.
1CH 17:15 Naataan dubbii mudhi'ii tana mara Daawititti hime.
1CH 17:16 Achiin duuba Daawitiin mootichi ol seenee Mootii Waan Maraa dura tee'ee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ati as ka na geessitte, anii fi maatiin tiyya eennu?
1CH 17:17 Ee Waaqa, tun si duratti akka hin geennee laakkottee, sanyiin tajaajilaa keetii gara duraa maan te'uu akka jirtu dubbatteerta. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ati akka waan ani nama mara caalaa ulfinna qabuutitti na ilaalteerta.
1CH 17:18 Ati ana tajaajilaa keeti hin beetta; marroo ulfinna ati ana tajaajilaa keetiif kenniteef tana caalaa maan jechuu dande'a ree?
1CH 17:19 Ee Mootii Waan Maraa, tajaajilaa keetiif jettee akka fedha keetiititti, waan guddoo tana gooteerta; waadaa guddaa kana maralle beessitteerta.
1CH 17:20 Ee Mootii Waan Maraa, akkuma nuuti gurra keennaan dhageenne ka akka keetii tokkolle hin jiru; si malee Waaqi dhibiin hin jiru.
1CH 17:21 Kolbaan ati teeti godhatiisaaf wodatte kolbaa Israa'elii malee, kolbaan dhibiin hin jirtu; kolbaa teeti ta Gibxi'ii baatte tana duraa gosa biyya adda addaa ariitee baattee, hujii teeti guddo'oo fi sodaachittu'uun maqaa keeti akka beekkamu goote.
1CH 17:22 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa Israa'elii haga bara baraa teeti godhattee, Waaqa isaanii teete.
1CH 17:23 «Ammalle, ee Mootii Waan Maraa, marroo ana tajaajilaa keetiitii fi marroo sanyii tiyyaatiifille waadaan galte haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti; akkuma dubbatte tolchi.
1CH 17:24 Guddinni maqaa keetii kunille haga bara baraa akka beekkamu waadaan ati galte kun jabaatee dhaabbatuu ti. Yennaa san namooti, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii dhugumaan Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan. Sanyiin ana tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti.
1CH 17:25 Ee Waaqa kiyya, ati sanyii ana tajaajilaa keetii haga bara baraa jabaattee akka dhaabbattu, mudhi'iin waan natti dubbatteef, ani tajaajilaan keeti gara keeti daadimatiisaaf, jajjabeenna dhaggadheera.
1CH 17:26 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa; ati ana tajaajilaa keetiif waadaa dansaa kana galteerta.
1CH 17:27 Ati sanyii ana tajaajilaa keetii, haga bara baraa fuula keeti duratti eebbisiisaaf jaalatteerta. Ee Mootii Waan Maraa, ati waan isii eebbitteef, isiin haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe.
1CH 18:1 Achiin duuba mootichi Daawiti worra Filisxeemotaa lolee injifatee, qachaa Gaatiitii fi olloota adaala isaa harka worra Filisxeemotaatii baase.
1CH 18:2 Daawiti Mo'aabotalle injifatee, isaan tajaajiltoota isaa te'anee, gibiralle isaaf fidane.
1CH 18:3 Daawiti itti dabalee lafa laga Efraaxiisii bira jirtu lolee harkatti galfatiisaaf yennaa dhaqe, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer haga qachaa Haamaatii dhaqee lole.
1CH 18:4 Daawiti garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardo'oo ka isaa kuma torbaa fi loltoota isaa ta miilaa kuma diddama booji'e. Inni fardoolee garreettaa harkittu dhibba tokko qofa hamburee, fardoolee hafane kaan mogolee kukkutee naaffise.
1CH 18:5 Namooti Sooriya'aa ka Damaasqoo keessa le'anu, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti lolee isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese.
1CH 18:6 Achiin duuba inni lafa isaanii keessatti quttuma loltootaa dhaabee, worri Sooriya'aa isaan bulanee gibira isaaf geessane. Mootiin Waan Maraa addee dhaqe maratti injifannoo Daawitiif kenne.
1CH 18:7 Daawiti wontee worqi'ii ta qondaaltoti Hadaad-Ezerii qabattu fudhatee, gara Yerusaalemii geesse.
1CH 18:8 Inni ammalle qachoota Hadaad-Ezerii ka, «Xibhaatii fi Chuun» jedhamanu keessaa sageettuu bacaa fudhate. Mootichi Solomoon sageettuu saniin waabaa bisaanii, utubootaa fi meya sageettu'uu ka adda addaa huje.
1CH 18:9 Mootichi Haamaatii To'i, akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mooticha Zoba'aa mara injifate yennaa dhage'e,
1CH 18:10 ilma ifii Hadoraam akka dhaqee Daawitii mooticha nageya fuudhee, «Baga gammadde» jedhuuf gara Daawitii mootichaa erge; To'i yennaa hedduu Hadaad-Ezeriin wol loleeraayyu. Hadoraamille kennansa meya adda addaa ka worqii irraa, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame isaaf geesse.
1CH 18:11 Daawitiin mootichi meya kanalle akkuma yennaa meeti'iitii fi worqii kolbaa Edoomii, kolbaa Mo'aabii, kolbaa Amoonii, kolbaa Filisxeemotaatii fi Amaaleqii booji'ee fudhate godhe, Mootii Waan Maraatiif adda baase.
1CH 18:12 Abiishaayiin Zeruyaan deette dhooqa sooddaa keessatti namoota Edoomii kuma kudhanii saddeeti ijjeese.
1CH 18:13 Daawiti quttuma loltootaa Edoom keessatti dhaabe; worri Edoomiille martinuu isa gabbarane. Mootiin Waan Maraa lafa Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.
1CH 18:14 Daawiti Israa'eloota mara irratti mootii te'ee, kolbaa ifii maraaf muraa haqaa kennee, haqaan bulche.
1CH 18:15 Yo'aabiin Zeruyaan deette, ajajaa loltootaa ti; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax itti gaafatamaa mana galme'ee ti.
1CH 18:16 Ilmi Ahiixubii Zaadoq fi ilmi Abiyaataarii Abiimelek hayyoota te'ane; Shaafshaan ammoo barreessaa mana mootumma'aa te'e.
1CH 18:17 Ilmi Yehoyaadaa Benaayaan itti gaafatamaa kutaa loltoota mooticha eeganuu ti; ilmaan Daawitii hujii mootummaa isaa keessatti addee ol-aantuu qabaniiyyu.
1CH 19:1 Yennaa diqqo'oon duuba mootichi Amoonotaa Nahaashi duunaan, ilmi isaa addee isaatitti mootii te'e.
1CH 19:2 Daawiti, «Abbaan Hanuunii Nahaashi waan dansaa waan naa godheef, anille ilma isaa Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee, sababa du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanuuf namoota itti erge. Namooti Daawiti erge sun Hanuun jajjabeessiisaaf gara biyya Amoonii yennaa dhufane,
1CH 19:3 qondaaltoti Amoonotaa mooticha Hanuuniin, «Daawiti namoota ergee si jajjabeessiisaan abbaa keetiif ulfinna kennaara seetaa? Namooti isaa biyya qorqoranee, mootummaa teeti garagalchiisaaf, lafa dooyiisaaf dhufanee motii ree?» jedhane.
1CH 19:4 Maarre Hanuun namoota Daawiti erge san qabee, areeda irraa haadee, woyaa isaanii mudaamuddi'itti irraa muree isaan ari'e.
1CH 19:5 Namooti dhaqanee marroo namoota sanii Daawititti yennaa himane, namooti ergamane sun guddoo waan qaanowaneeranuuf, haga areedi isaanii latee guddatutti Yerikoo akka turanuu fi achiin duuba akka deebi'anu namoota isaanitti erge.
1CH 19:6 Hanuunii fi worri Amoonotaa akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane Aaram Naharaayim, Aaram Ma'akaa fi Zobaa irraa garreettaa fardaan harkifamuu fi worra garreettaa fardaan harkifamu oofu kireeffatiisaaf meetii gara kiiloogiraama kuma soddomii afurii ergane.
1CH 19:7 Isaan meetii saniin garreettaa fardaan harkifamu kuma soddomii lamaa fi worra garreettaa fardaan harkifamu oofu, akkasuma mooticha Ma'aka'aa fi loltoota isaa kireeffatane; isaan dhufanee Medebaa bira qubatane; worri Amoonotaa ammoo, qachoota ifii keessaa bayanee wolitti qabamanee lolaaf qophowane.
1CH 19:8 Daawiti tana dhage'ee, Yo'aabii fi loltoota gootota mara erge.
1CH 19:9 Worri Amoonotaa gad itti bayanee seensuma qacha'aa duratti lolaaf qophowane; moototi isaan qarqaariisaaf dhufanelle qofuu diida keessatti addee qabatane.
1CH 19:10 Yo'aab duraa fi duuba isaatiin woraanni akka isa marseeru yennaa dhagge, loltoota Israa'elii keessaa loltoota gootota filee, worra Aaramii akka lolanuuf erge.
1CH 19:11 Worra hafane obboleessi isaa Abiishaayi akka ajaju godhe; isaan Amoonota loliisaaf qophowane.
1CH 19:12 Yo'aab, «Worri Aaramii yoo natti jabaate, ati na qarqaarta; worri Amoonotaa yoo sitti jabaate ammoo ani si qarqaara.
1CH 19:13 Jabaadha'a! Kolbaa teennaa fi qachoota Waaqa keennaatiifille jabaannee lolluu ti. Mootiin Waan Maraa waan isa duratti dansaa te'e hin huja» jedhe.
1CH 19:14 Achiin duuba Yo'aabii fi loltooti isaa worra Aaramii loliisaaf duulane; worri Aaramii isaan duraa baqatane.
1CH 19:15 Worri Aaramii akka baqatane worri Amoonotaa yennaa dhage'ane, isaanille obboleessa Yo'aabii Abiishaayi duraa baqatanee, gara qachaa ifii deebi'anee seenane. Achiin duuba Ya'aab gara Yerusaalemii deebi'e.
1CH 19:16 Worri Aaramii Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, namoota erganee worra Aaramii ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu waammatane; Ajajaan loltoota Hadaad-Ezerii Shofaak isaan sooresse.
1CH 19:17 Daawiti tana yennaa dhage'e, loltoota Israa'elii mara wolitti qabatee Yordaanosiin gamatti bu'ee, gara isaanii dhaqee loltoota ifii fuullee isaaniititti lolaaf qopheesse; Worri Aaramii isa lolane.
1CH 19:18 Te'uu malee, worri Aaramii Israa'eloota duraa baqatane; Daawiti worra Aaramii ka garreettaa fardaan harkifamu oofanu kuma torba, loltoota miilaa kuma afurtama ijjeese. Inni ajajaa loltoota isaanii Shofaakille ijjeese.
1CH 19:19 Worri Hadaad-Ezer jala jiranu Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, Daawiti araara gaafatanee isaan bulane. Yennaa sanii jalqabanee worri Aaramii Amoonota qarqaariisatti hin deebine.
1CH 20:1 Ji'a furmaataa yennaa moototi duultu, Yo'aab loltoota fuudhee deeme. Inni lafa Amoonotaa balleessee, gara qachaa Raabaalle dhaqee marsee, lolee balleesse. Daawiti ammoo, qachaa Yerusaalemii keessatti hafe.
1CH 20:2 Daawiti kallacha waaqa dharaa Miilkomii ka worqii dhakaa gatii guddo'ootiin hujame, ka gara kiiloogiraama soddomii afurii fudhatee, mataa ifii irra keyate. Inni boojuu bacaa qachaa san keessaa fudhate.
1CH 20:3 Namoota qachaa san keessa jiranu gad baasee magaazi'iin, qotto'oo fi agara'aan akka hujanu godhe; Daawiti waan kana worra qachaa Amoonotaa keessa le'anu mara hujisiiseen duuba, loltoota ifii mara woliin gara Yerusaalemii deebi'e.
1CH 20:4 Achiin duuba Israa'elooti worra Filisxeemotaa woliin Gezeritti wol lolane. Yennaa san nami lafa Hushaa Siibekaayi sanyii Refaa'otaa keessaa namicha, «Siiphaayi» jedhamu tokko ijjeese; Worri Filisxeemotaalle injifatamane.
1CH 20:5 Ammalle lola worra Filisxeemotaa woliin wol lolane ka dhibii keessatti, ilmi Yaa'iirii Elhaanaan, obboleessa Goliyaadii Gaatichaa ka, «Laahim» jedhamu ka eboo somey isi'ii haga muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowu san itti maruu geettu qabu ijjeese.
1CH 20:6 Akkasuma lola Gaatii ka dhibii keessatti nama akka malee furdatu, ka sanyii Refaa'otaa te'e, ka harka ifii tokko tokkoo fi miilla ifii tokko tokkooyyuu irraa quba jaa jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu.
1CH 20:7 Yennaa inni Israa'elootatti murge, ilmi Shime'ee Yonaataan obboleessi Daawitii isa ijjeese.
1CH 20:8 Isaan kun worra sanyii Refaa'ota ka Gaati keessaa, ka Daawitii fi loltooti isaa ijjeesane.
1CH 21:1 Seexanni kolbaa Israa'elii irratti ka'ee, Daawiti akka isaan laakkowu kakkaase.
1CH 21:2 Maarre Daawiti Yo'aabii fi ajajjoota loltootaatiin, «Ani laakkossa namoota kiyyaa akka beeku Bersheeba'aa haga Daaniititti Israa'eloota laakkowa'aatii, kowa'aa natti hima'a» jedhe.
1CH 21:3 Yo'aab ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii dachaa dhibba baceessuu ti. Ee goottaa kiyya, ee mootii kiyya, isaan martinuu tajaajiltoota si goottaa kiyyaatii motii ree? Ati maaf isaan laakkowuu barbaadde? Maaf waan yakkaa te'ee isaanitti laakkowamu itti fidda?» jedhe.
1CH 21:4 Te'uu malee ajaji mootichaa Yo'aabitti waan jabaateef, Yo'aab biraa bayee, biyya Israa'elii mara keessa deemeen duuba Yerusaalemitti deebi'ee,
1CH 21:5 laakkossa kolba'aa Daawititti hime. Isaan kun Israa'el keessatti loltooti shallaaga'aan loltu miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokko, akkasuma Yihudaa keessatti loltooti shallaaga'aan loltu kuma dhibba afurii fi kuma torbaatamatti jiraayyu.
1CH 21:6 Te'uu malee, ajaji mootichaa Yo'aabitti waan hin toliniif, inni gosa Lewwi'iitii fi gosa Beniyaaminii hin laakkonne.
1CH 21:7 Waaqi ammoo ajaja kanatti waan hin gammadiniif, Israa'eloota adabe.
1CH 21:8 Achiin duuba Daawiti Waaqaan, «Ani gowwumma'aan cubbuu guddoo akkasii waan godheef, cubbuu ana tajaajilaa keetii akka araarantuuf, si gaafadha» jedhe.
1CH 21:9 Mootiin Waan Maraa, Gaadii mudhii Daawitiif dhaggutti dubbatee,
1CH 21:10 «Dhaqiitii Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani filannoo sad si'iif hin kenna; isaan keessaa ka ani sitti fidu tokko filadhu siin jedha› jedhiin» jedhe.
1CH 21:11 Maarre Gaadi gara Daawitii dhaqee, «Mootiin Waan Maraa si'iin, ‹Tokko keessaa filadhu;
1CH 21:12 beela woggaa sadiif sitti fiduu yookiin ji'a sadiif diina keeti biyya teeti keessa deemee kolbaa teeti balleessu yookiin ergamaan kiyya guyyaa sadiif shallaaga'aan yookiin bala'aan lafa Israa'elii mara keessaa namoota akka fixu filadhu› siin jedha. Amma ka na ergeef deebii akka kennu murteeffadhuutii natti himi» jedhe.
1CH 21:13 Daawiti Gaadiin, «Ani muddama hamaa keessa jira. Marartiin Mootii Waan Maraa guddoo waan teeteef, harka Mootii Waan Maraatiin adabamuu naaf woyya malee, harka namootaatitti akka na hin lakkinneef, isa hin daadimadha» jedhe.
1CH 21:14 Maarre Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti balaa buusee, namooti kum torbaatam dhumatane.
1CH 21:15 Waaqi Yerusaalem balleessiisaaf ergamaa ifii erge; ergamaan sun ammoo adoo balleessiisatti jiruu, Mootiin Waan Maraa badii qacha'aa san dhaggee gaddeefii, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu.
1CH 21:16 Daawiti ol ilaalee, ergamaa Mootii Waan Maraa ka shallaagaa buqqifamee Yerusaalem irratti ol fudhatame harkatti qabatee, wodhakkaa ol-gubba'aatii fi lafaa dhaabbateeru tokko dhagge. Achiin duuba Daawitii fi jaarsoleen woyaa gaddaa uffatanee adda ifiitiin lafatti gad gombifamane.
1CH 21:17 Daawitiin mootichi Waaqaan, «Kolbaa akka laakkowanu ka ajaje anaa motii ree? Ka cubbuu hujee, dokonkore ana. Isaan worra akka hoole'ee ti; isaan maan godhane ree? Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, adabbiin teeti anaa fi maatii tiyya irratti teetuu ti malee, kolbaa teeti irratti balaa hin buusin» jedhe.
1CH 21:18 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, «Dhaqiitii Daawitiin, ‹Ka'ii ol bayiitii eeddummee Ornaa Yibusichaa keessatti, addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaar› jedhi» jedhee Gaadi ajaje.
1CH 21:19 Maarre Daawiti dubbii Gaadi maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbateef ajajamee, ka'ee ol-baye.
1CH 21:20 Ornaan eeddumme'etti qamadii dhowiisatti adoo jiru, garagalee ergamaa Waaqaa dhagge; ilmaan isaa ta isa woliin jirtulle dhokatte.
1CH 21:21 Achiin duuba Daawiti gara Ornaa dhufe; Orna yennaa Daawiti dhagge eeddummee san keessaa bayee, Daawiti duratti lafatti gad gombifame.
1CH 21:22 Daawiti Ornaan, «Balaan kun kolbaa tana irra akka hin buuneef, addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif akka irratti ijaaru, eeddummee teeti gatii guutu'utti natti gurguradhu» jedhe.
1CH 21:23 Orna deebisee Daawitiin, «Fudhadhu goottaa kiyya, waan feete godhadhu. Kennansa gubamuuf, korommiin tiyya kunoo ti, qoraaniif ulee midhaan ittiin dhowanu, kennaa midhaaniitiif qamadii, ani kana mara hin kenna» jedhe.
1CH 21:24 Mootichi Daawiti ammoo deebisee Ornaan, «Waawwo'o; ani gatii guutu'uun si irraa bitadha malee, waan keeti yookiin waan gatii itti hin baasin Mootii Waan Maraatiif kennansa gubamu hin dhikeessu» jedhe.
1CH 21:25 Maarre Daawiti gatii eeddumme'ee beesee worqi'ii dhibba jaa Ornaaf kenne.
1CH 21:26 Daawiti eeddummee san keessatti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessee Mootii Waan Maraa waammate; Mootiin Waan Maraalle ol-gubbaa irraa addee ciinca'aa irratti ibiddaan deebii isaaf kenne.
1CH 21:27 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa ergamaa san ajaje; ergamaan sun shallaagaa ifii gonofa'atti deebifate.
1CH 21:28 Yennaa san Daawiti eeddummee Ornaa Yibusichaa keessatti Mootiin Waan Maraa deebii akka isaaf kenne yennaa dhagge, achitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.
1CH 21:29 Yennaa san dunkaaniin Mootii Waan Maraa ta Muuseen goomolee keessatti hujee fi addeen ciinca'aa ta kennansa gubamuu, addee waaqonfanna'aa ta gaara Giibe'onii irraa keessa jiraniiyyu.
1CH 21:30 Daawiti ammoo shallaagaa ergamaa Mootii Waan Maraa waan sodaateef, achi dhaqee Waaqa gaafatiisa hin dandeenne.
1CH 22:1 Achiin duuba Daawiti, «Galmi Mootii Waan Maraa ka Waaqaa as hin te'a; addeen kennansa gubamu Israa'el itti dhikeessitulle as hin teeti» jedhe.
1CH 22:2 Maarre Daawiti alagaa lafa Israa'elii keessa le'anu mara akka wolitti qabamanu ajaje; worra wolitti qabamane san keessaa ijaarsa Galma Waaqaatiif namoota dhakaa bocanee qopheessanu file.
1CH 22:3 Inni sibiila bacaa ka misimaaraa, ka saanqaa karraatii fi ka maaxafa'aa, akkasuma sageettuu bacaa hagana hin jedhanne qopheessee,
1CH 22:4 muka hindheensaalle ka laakkossi isaa hagana hin jedhanne, ka worri Xiiroosiitii fi Sidoonii gara isaa fide qopheesse.
1CH 22:5 Daawiti, «Ilmi kiyya Solomoon dargaggeessa; muuxannoolle hin qabu; Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramu miidhagaa, gosa biyya adda addaa duralle'etti beekkama'aa fi lafa maratti ka ulfinna qabu te'uu qaba. Tanaaf, ani waan barbaachisu hin qopheessa» jedhe. Maarre Daawiti du'a ifiitiin dura waan ijaarsaaf barbaachisu bacaa qopheesse.
1CH 22:6 Achiin duuba ilma ifii Solomoon waamee, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka ijaaru ajaje.
1CH 22:7 Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Ilma kiyya, ani maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaatiif Galma ijaariisaaf yaadeeraayyu.
1CH 22:8 Ammoo jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, ‹Ati duula bacaa duultee, fuula kiyya duratti lafa irratti dhiiga namoota heddu'uu waan dhangalaatteef, ati maqaa kiyyaaf Galma hin ijaartu.
1CH 22:9 Kunoo, ilma nageyaatii fi fooraa si'iif hin kenna. Ani diinota adaala isaa jiranu mara irraa isa hin foorfachiisa. Bara mootummaa isaa keessa ani nageyaa fi foora kolbaa Israa'eliitiif waan kennuuf, maqaan isaa Solomoon hin jedhama.
1CH 22:10 Inni maqaa kiyyaaf Galma hin ijaara. Inni ilma naaf hin te'a; anille abbaa isaaf hin te'a; barcumaa mootummaa isaalle Israa'el keessatti haga bara baraa hin jabeessa› jedhe.
1CH 22:11 «Amma, ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Galma isaa akka ijaartuuf akkuma dubbatetti, inni sii muummessuu ti.
1CH 22:12 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa Israa'elii irratti yennaa mootii si godhu, akka ajaja isaatitti akka ati isaan bulchituuf, innummaan qarumma'aa fi hubantii si'iif kennuu ti.
1CH 22:13 Ati seerata fi seera, Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kolbaa Israa'elii ajaje jabeessitee yoo eegatte, wonni ati hujju marti siif hin teeti. Jabaadhuu, jajjabaadhu. Hin sodaatin; hin nayinille'e.
1CH 22:14 Ani ijaarsa Galma Mootii Waan Maraatiif rakkinna gudda'aan worqii kiiloogiraama miliyoonii sadii fi kuma dhibba afurii fi shantama, sageettuu kiiloogiraama kuma soddomii afurii fi dhibba shanii fi sibiila dhibii ka kiiloogiraam isaa hagana hin jedhanne, akkasuma mukaa fi dhakaalle qopheesseera. Atille itti ede'i.
1CH 22:15 Ati hojjattoota bacaa: ka dhakaa bocanu, ka dhakaa muranu, ka muka bocanu qadda; akkasuma ogeeyyii hujii gara garaa
1CH 22:16 ka hujii worqi'ii, meeti'iitii fi sageettu'uu bacaa qadda. Amma ka'iitii huji! Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti» jedhe.
1CH 22:17 Daawiti ammalle sooreyyiin Israa'elii marti ilma isaa Solomoon akka qarqaartu ajajee,
1CH 22:18 «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin jiraa motii ree? Inni karaa maraan isin foorfachiisee motii ree? Inni worra biyya tana keessa le'anu harka kiyyatti dabarsee waan kenneef, isaan Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaatiin bulan.
1CH 22:19 Amma gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan barbaada'a. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi meya tajaajila Waaqaatiif adda baafame mara, gara Galma maqaa ka Mootii Waan Maraatiif ijaaramee fiddanee keessa akka keettanuuf, Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqaa ijaara'a» jedhe.
1CH 23:1 Daawiti bara hedduu le'ee yennaa dulloome, ilma ifii Solomoon Israa'el irratti mootii godhe.
1CH 23:2 Inni sooressitoota Israa'elii mara, hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee,
1CH 23:3 dhiira Lewwootaa ta woggaa soddomaa olii laakkossiisee, wolumatti laakkossi isaanii kuma soddomii saddeeti te'e.
1CH 23:4 Daawiti, «Isaan san keessaa namooti kum diddamii afur hujii Galma Mootii Waan Maraa hujisiisanu ti; namooti kum jaa qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'anu ti;
1CH 23:5 namooti kum afur karra eeganuu ti; namooti kum afur meya ani akka ittiin leellifatanuuf qopheesseen Mootii Waan Maraa leellifatanuu ti» jedhe.
1CH 23:6 Daawiti Lewwoota akka ilmaan Lewwi'ii Gershoo, Qehaatii fi Meraariititti, addee saditti gargar hire.
1CH 23:7 Gershoon ilmaan lama La'adaanii fi Shime'ii qabaayyu.
1CH 23:8 Ilmaan La'adaanii sadiin angafichi Yehii'el, Zetaamii fi Yo'el.
1CH 23:9 Ilmaan Shime'ii sadiin Shelomoot, Hazii'elii fi Kaaraan; isaan sooreyyii maatii La'adaanii ti.
1CH 23:10 Ilmaan Shime'ii arfan Yaahaat, Ziinaa, Ye'ushii fi Berii'a.
1CH 23:11 Yaahaat angaficha, Ziinaan ka isatti aanu. Ye'ushii fi Berii'a ammoo, ijoollee hedduu waan hin qanneef akka maatii tokkootitti laakkowamane.
1CH 23:12 Ilmaan Qehaatii afur: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.
1CH 23:13 Ilmaan Amraamii: Aaronii fi Muuse'e. Aaronii fi sanyiin isaa waan irra caalaa woyyuu te'e eegiisaaf, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf, isa tajaajiliisaaf, maqaa isaatiin namoota haga bara baraa eebbisiisaaf adda baafamane.
1CH 23:14 Ilmaan Muusee nama Waaqaa, akka gosa Lewwi'iititti laakkowamane.
1CH 23:15 Ilmaan Muuse'ee Gershoomii fi Elii'ezer.
1CH 23:16 Ilmaan Gershoomii keessaa angafichi Shebu'el.
1CH 23:17 Ilmi Elii'ezerii angafichi Rehaabiya'a; Elii'ezer ilmaan dhibii hin qabu; Rehaabiyaan ammoo ilmaan hedduu qaba.
1CH 23:18 Ilmaan Yizhaarii keessaa angafichi Shelomiit.
1CH 23:19 Ilmaan Kebroonii: Angafichi Yeriiya'a; lammeessoon Amaariya'a; sadeessoon Yahaazi'el; arfeessoon Yeqaamii'aam.
1CH 23:20 Ilmaan Uzii'elii: angafichi Miika'a; lammeessoon Yishiiya'a.
1CH 23:21 Ilmaan Meraarii: Maahilii fi Mushi. Ilmaan Maahilii: Ele'azaarii fi Qiish.
1CH 23:22 Ele'azaar durra malee ilmaan adoo hin uumatin du'e; durra san ilmaan Qiishii ta obboleessa isaatittuu fuudhe.
1CH 23:23 Ilmaan Mushii sadiin: Maahil, Ederii fi Yeremoot.
1CH 23:24 Isaan kun marti gosa Lewwi'ii worra akka maatii maatii isaaniititti, akka sooressitoota maati'ii te'anee adduma addaan barreeffamane; isaan keessaa nami woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaa olii hujii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujamu keessaa worra qooda qabaate.
1CH 23:25 Daawiti, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii kolbaa ifiitiif foora kenneera; inni haga bara baraa Yerusaalem keessa le'a.
1CH 23:26 Lewwooti haganaa achi Dunkaanii Woyyittii yookiin meya achi keessatti tajaajila kennu ba'atuu hin barbaachisu» jedhe.
1CH 23:27 Akkuma Daawiti muummee irratti dubbate, ilmaan Lewwootaa ta woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaan olii laakkowamane.
1CH 23:28 Hujiin Lewwootaa badhinna Galma Mootii Waan Maraatii fi kolloo Galma Mootii Waan Maraa eegaa, meya woyyicha mara qulqulleessiisa, sanyii Aaronii ta Galma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltu qarqaariisa.
1CH 23:29 Ammalle hujiin isaanii daabboo Waaqaaf woyyoontu, bullaa kennansa midhaanii, daabboo uukoo hin qannelle zayiti'iin sukkuumiisaa fi bilcheessiisaan, kennansa zayiti'iin wolitti makiisaan, safariisaa fi mikiisaan qarqaariisa.
1CH 23:30 Isaan ammalle ganama maraa fi galgala mara dhaabbatanee Mootii Waan Maraa galateeffataa, leellifataa,
1CH 23:31 guyyaa Sanbataa mara, baatii ji'aatitti, guyyaa jila beekkamaneetitti, yennaa kennansi gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, akkuma ajajamane laakkossi isaanii adoo hin dhidhatin yennaa mara Mootii Waan Maraa duratti tajaajilaaraniiyyu.
1CH 23:32 Akkasitti Lewwooti Dunkaanii Woldeenna'aatii fi Galma Mootii Waan Maraa san keessa waan hujiisaaf itti gaafatamanu muummessan. Isaan hujii firri isaanii ilmaan Aaronii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujanu qarqaarane.
1CH 24:1 Sanyiin Aaronii akka kanatti ramadamane. Ilmaan Aaronii: Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar.
1CH 24:2 Naadaabii fi Abiihuun ammoo ijoollee adoo hin uumatin, adoo abbaan isaanii hin du'in du'ane; Ele'azaarii fi Itaamaar hayyoota te'anee tajaajilane.
1CH 24:3 Qarqaarsa Zaadoqii sanyii Ele'azaariitii fi Ahiimelekii sanyii Itaamaariitiin, akka hujii isaaniititti, Daawiti sanyii Aaronii adda baase.
1CH 24:4 Maatii Ele'azaarii keessatti dhiirti sooreyyiin dhiira sooreyyii maatii Itaamaarii keessaa caaltee dhaggantee jennaan, akka asii gadiititti ramadamane: Sooreyyiin maatii Ele'azaarii kudhanii jaa; ta maatii Itaamaarii saddeeti.
1CH 24:5 Maatiin Ele'azaariitii fi maatiin Itaamaarii qondaaltota Dunkaanii Woyyitti'iitii fi qondaaltota Waaqaa waan te'aneef, hixaa buusiisaan ramaddiin huji'ii isaaniif kennante.
1CH 24:6 Barreessaan Lewwootaa ilmi Nataani'elii Shemaa'iyaan Lewwichi mootichaa fi qondaaltota, hayyicha Zaadoq, ilma Ahiimelekii Abiyaataar, sooreyyii hayyootaatii fi Lewwootaa duratti, maqaa maatii Ele'azaariitii fi maatii Itaamaarii badoo bado'oon akka hixaa isaaniititti barreesse.
1CH 24:7 Hixaan qaraa Yehoyaariibiif, ka lammeesso'oo Yedaa'iya'aaf,
1CH 24:8 ka sadeesso'oo Haariimiif, ka arfeesso'oo Se'oriimiif,
1CH 24:9 ka shaneesso'oo Malkiiyaaf, ka jayeesso'oo Miiyaamiiniif,
1CH 24:10 ka torbeesso'oo Haqoziif, ka saddeetesso'oo Abiiyaaf,
1CH 24:11 ka sagaleesso'oo Yeshu'aaf, ka kudhaneesso'oo Shekaaniya'aaf,
1CH 24:12 ka kudhanii tokkeesso'oo Eliyaashiibiif, ka kudhanii lammeesso'oo Yaaqiimiif,
1CH 24:13 ka kudhanii sadeesso'oo Huphaadhaaf, ka kudha arfeesso'oo Yeshebi'aabiif,
1CH 24:14 ka kudhanii shaneesso'oo Bilgaaf, ka kudhanii jayeesso'oo Iimeriif,
1CH 24:15 ka kudhanii torbeesso'oo Heziiriif, ka kudha saddeetesso'oo Haphiizeziif,
1CH 24:16 ka kudhanii sagaleesso'oo Phetaayaaf, ka diddameesso'oo Yihesqeliif,
1CH 24:17 ka diddamii tokkeesso'oo Yaakiiniif, ka diddamii lammeesso'oo Gaamuliif,
1CH 24:18 ka diddamii sadeesso'oo Delaayaaf, ka diddamii arfeesso'oo Ma'aaziyaaf bu'e.
1CH 24:19 Isaan kun akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii isa ajajetti, akka abbaan abbootii isaanii ta durii Aaron tarreessetti, yennaa Galma Mootii Waan Maraa keessa seenanu seerati hujii isaaniif kenname kana.
1CH 24:20 Sanyiin Lewwi'ii dhibiin ta asii gad jirtu: Sanyii Amraamii keessaa Shubaa'el; Sanyii Shubaa'elii keessaa Yedaa'iya'a.
1CH 24:21 Sanyii Rehaabiya'aa keessaa angaficha Yishiiya'a.
1CH 24:22 Yizhaarota keessaa Shelomoot; sanyii Shelomootii keessaa Yaahaat.
1CH 24:23 Ilmaan Kebroonii: Sooressi Yeriiyaa, ka lammeesso'oo Amaariyaa, ka sadeesso'oo Yahaazi'el, ka arfeesso'oo Yeqaamii'aam.
1CH 24:24 Ilmi Uzii'elii Miika'a; ilmaan Miikaa keessaa Shaamiir.
1CH 24:25 Yishiiyaan obboleessa Miika'aa ti; ilmaan Yishiiyaa keessaa Zakaariyaas.
1CH 24:26 Ilmaan Meraarii Maahilii fi Mushi; Benoon ilma Ya'aziiyaa ti.
1CH 24:27 Sanyii Meraarii keessaa ilmaan Ya'aziiyaa: Shohaam, Zaakurii fi Ibri.
1CH 24:28 Maahil Ele'azaar uumate; Ele'azaar ilmaan hin uumanne.
1CH 24:29 Sanyii Qiishii keessaa, ilma Qiishii Yeraami'el.
1CH 24:30 Ilmaan Mushii: Maahil, Ederii fi Yeremoot; isaan kun sanyii Lewwootaa worra akka maatii maatii abbootii isaaniititti sooreyyii te'ane.
1CH 24:31 Isaanille akkuma fira ifii sanyii Aaronii addee mootichi Daawiti, Zaadoqii fi Ahiimelek, sooressitooti hayyootaatii fi Lewwooti jiranutti, sooreyyiin maati'ii tokko tokkoon isaaniituu gudda'aa haga diqqa'aatitti woluma qixxee hujii hujii ifiititti ramadamiisaaf hixaa buufatane.
1CH 25:1 Daawitiin mootichi ajajjoota loltootaa woliin sanyii Lewwootaa keessaa ilmaan Asaafii, ilmaan Hemaaniitii fi ilmaan Yedutuu keessaa namoota kiraaraan, kiraara guddichaa fi sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun qarqaaramanee waan Waaqi isaanitti mudhisu faaru'uun dhageessisanu filee adda baase. Maqaan namoota hujii tanaaf filamanee asii gad jira:
1CH 25:2 Ilmaan Asaafii keessaa: Zaakur, Yoseef, Nataaniya'aa fi Asari'ela'a; isaan harka Asaafii jala jiran; Asaaf harka Daawitii mootichaa jala jira.
1CH 25:3 Ilmaan Yedutuu keessaa: Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaa'iyaa, Shime'ii, Hashabiiya'aa fi Matiitiya'a; isaan jaan kun harka abbaa ifii Yedutuu jala jiran; abbaan isaanii kiraaraan Mootii Waan Maraa galateeffatiisaan, leellisiisalle'een waan inni isatti mudhise dhageessise.
1CH 25:4 Ilmaan Hemaanii keessaa: Bukiiyaa, Mataaniyaa, Uzii'el, Shebu'el, Yeremoot, Hanaaniyaa, Haanaan, Elii'aataa, Gidaalti, Romamtii-Ezer, Yoshbaqaashaa, Malootii, Hotiirii fi Mahaazi'oot.
1CH 25:5 Isaan kun marti ilmaan Hemaanii ka mootichaaf mudhii dhagguu ti; Waaqi ulfinna guddaa Hemaaniif kenniisaaf, akkuma waadaa galetti, ilmaan kudhanii afurii fi durra sad isaaf kenne.
1CH 25:6 Namooti kun marti akka ajaja abbootii ifiititti Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, kiraara guddichaa fi maseenqo'oon tajaajilane. Asaaf, Yedutuu fi Hemaan ajaja mootichaa jala jiraniiyyu.
1CH 25:7 Fira isaanii woliin namooti meya faaru'uutiin Mootii Waan Maraa faarfatiisa leenji'ane, wolumatti namoota dhibba lamaa fi saddeettamii saddeeti.
1CH 25:8 Isaan ramaddii hujii ifii beekiisaaf jaarsa yookiin ijoollee, barsiisaa yookiin barataa adoo hin jedhin, marti isaanii woluma qixxee hixaa buufatane.
1CH 25:9 Hixaan qaraa maatii Asaafii keessaa Yoseefiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, ka lammeesso'oo Gidaaliya'aaf, fira isaatii fi ilmaan isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:10 ka sadeesso'oo Zakuriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:11 ka arfeesso'oo Izriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:12 ka shaneesso'oo Nataaniya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:13 ka jayeesso'oo Bukiiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:14 ka torbeesso'oo Yeshari'ela'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:15 ka saddeetesso'oo Yeshaa'iya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:16 ka sagaleesso'oo Mataniiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:17 ka kudhaneesso'oo Shime'iif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:18 ka kudhanii tokkeesso'oo Azaari'eliif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:19 ka kudha lammeesso'oo Hashabiiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:20 ka kudhanii sadeesso'oo Shubaa'eliif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:21 ka kudhanii arfeesso'oo Matiitiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:22 ka kudhanii shaneesso'oo Yeremootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:23 ka kudha jayeesso'oo Hanaaniya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:24 ka kudhanii torbeesso'oo Yoshbaqaasha'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:25 ka kudhanii saddeetesso'oo Hanaaniif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:26 ka kudhanii sagaleesso'oo Malootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:27 ka diddameesso'oo Eliyaata'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:28 ka diddamii tokkeesso'oo Hotiiriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:29 ka diddamii lammeesso'oo Gidaaltiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:30 ka diddamii sadeesso'oo Mahaazi'ootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,
1CH 25:31 ka diddamii arfeesso'oo Romamtii-Ezeriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf bu'e.
1CH 26:1 Worri karra Galma Waaqaa eeguu ka asii gad jiru: Fira Qoraahotaa, ilmaan Asaafii keessaa tokko Meshelemiyaa ilma Qoree ti.
1CH 26:2 Meshelemiyaan ilmaan torba uumate; angafichi Zakaariyaas; lammeessoon Yidiiya'el, sadeessoon Zabaadiyaa, arfeessoon Yatnii'el,
1CH 26:3 shaneessoon Elaam, jayeessoon Yihohaanaan, torbeessoon Elyo'enaayi.
1CH 26:4 Obed-Edoomille ilmaan uumate: Angafichi Shemaa'iyaa, lammeessoon Yihozaabaad, sadeessoon Yo'aa, arfeessoon Saakaar, shaneessoon Nataani'el,
1CH 26:5 jayeessoon Amii'el, torbeessoon Yisaakor, saddeetessoon Phe'ultaayi. Kanaan Waaqi isa eebbise.
1CH 26:6 Ilmi angafichi Obed-Edoomii Shemaa'iyaalle ilmaan jaa uumate; isaan dandeettii guddoo waan qabanuuf, sooreyyii maatii abbootii ifii te'ane.
1CH 26:7 Ilmaan Shemaa'iyaa: Otnii, Refaa'el, Obed, Elzaabaad, Eliihuu fi Semaakiya'a; obboleeyyan Elzaabaadii Eliihuunii fi Semaakiyaan dhiira gootota te'ane.
1CH 26:8 Isaan marti sanyii Obed-Edoomii ti; isaan, ilmaan isaaniitii fi firri isaanii marti worra dandeettii huji'ii qabu; sanyiin isaa wolumatti namoota jaatamii lama.
1CH 26:9 Meshelaam ilmaanii fi fira dandeettii qabanu namoota kudhanii saddeeti qabaayyu.
1CH 26:10 Sanyii Meraarii keessaa, Hosaah ilmaan afur uumate; isaan keessaa Shiimri sooressa; inni angafa te'uu dhabulle, abbaan isaa akka inni sooressa te'u godhe.
1CH 26:11 Lammeessoon Hilqiiyaa, sadeessoon Xabaliyaa, arfeessoon Zakaariyaas; ilmaan Hosaahiitii fi firri isaa wolumatti namoota kudhanii sad.
1CH 26:12 Eeddoti karraa tun akkuma Lewwoota dhibii Galma Mootii Waan Maraa keessa hujanuu, sooreyyii ifii jalatti ramadamanee, hujii Galma Mootii Waan Maraa hujiisaaf badoo qabaniiyyu.
1CH 26:13 Jaarsa, ijoollee adoo hin jedhin akka maatii abbootii ifiititti, karra tam akka eeganuuf hixaa buufatane.
1CH 26:14 Hixaan karra karaa aduun baatuu Shelemiif bu'e. Achiin duuba hixaan karra gara kaabaa ilma isaa ka namatti gorsiisa beeku Zakaariyaasiif,
1CH 26:15 hixaan karra kibbaa Obed-Edoomiif, hixaan mana meyaa ilmaan isaatiif,
1CH 26:16 hixaan karra gara aduun seentuutii fi karra Sheleketii ta karaa ol bayanu irraa, Shuphiimii fi Hosaahiif bu'e. Eeddotille badoo bado'oon eegane.
1CH 26:17 Guyyaa guyya'aan karra karaa aduun baatuu Lewwooti jaa, karra gara kaabaa Lewwooti afur, karra gara kibbaa Lewwooti afur, karra mana meyaa tokko tokko Lewwooti lama lama,
1CH 26:18 karaa gara badhinna dalleya keessaa gara aduun seentuu irratti Lewwooti afur, badhinna dalleya keessaa ka karaa aduun seentuu sanille Lewwoota lamatti eegaayyu.
1CH 26:19 Sanyii Qoraahiitii fi Meraarii keessaa eeddota karraa worri te'ane isaan kana.
1CH 26:20 Lewwoota dhibii keessaa Akiyaan itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaatii fi mana meya kennaa Waaqaaf adda baafamee ti.
1CH 26:21 Fira Gershoonii, ilmaan La'adaanii keessaa ka maatii La'adaanii irratti sooressa te'e Yehii'el,
1CH 26:22 Ilmaan Yehii'elii: Zetaamii fi obboleessi isaa Yo'el itti gaafatantoota qabeenna Galma Waaqaa ti.
1CH 26:23 Sanyii Amraamii, sanyii Yizhaarii, sanyii Kebrooniitii fi sanyii Uzii'elii keessaa namooti hujii tanatti hirmaataneeraniiyyu.
1CH 26:24 Sanyii Gershoomii ilma Muuse'ee keessaa Shubaa'el, itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaa te'e.
1CH 26:25 Inni karaa obboleessa Gershoomii Elii'ezeriitiin Shelomootiif fira aantii isaa ti; Elii'ezer Rehaabiyaa uumate; Rehaabiyaan Yeshaa'iyaa uumate; Yishaa'iyaan Yoraam uumate; Yoraam Ziikri uumate; Ziikri Shelomoot uumate.
1CH 26:26 Shelomootii fi firri isaa meya Daawitiin mootichi, sooreyyiin maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaatii fi ajajjooti hunna woraanaa dhibiin kennansa Waaqaaf adda baye mara irratti itti gaafatantoota.
1CH 26:27 Isaan meya yennaa duulaa saamame irraa, Galma Waaqaa haaressiisaaf adda baasane.
1CH 26:28 Meyi tajaajila Galma Waaqaatiif adda baafamee fi kennansi Saamu'eliin mudhii dhagguu fi ilmi Qiishii Saa'ol, ilmi Neerii Abneerii fi Yo'aab ka Zeruyaan deette fa'a fidane, Shelomootii fi fira isaatitti itti gaafatantoota itti te'ane.
1CH 26:29 Sanyii Yizhaarii keessaa Qayinaanii fi ilmaan isaa, hujii Galma Waaqaatiin alaatitti kolbaa Israa'elii irratti qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'ane.
1CH 26:30 Sanyii Kebroonii keessaa Hashabiiyaa fi firri isaa namooti kum tokkoo fi dhibbi torbaa, hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun seentu jirtu irratti itti gaafatamumma'aan ramadamane.
1CH 26:31 Akka hidda dhaloota maatii isaaniititti sanyii Kebroonii keessaa, Yeriiyaan sooressa te'e. Daawiti mootii te'ee woggaa afurtameesso'ootitti yennaa galmeen qorqoramee sanyii Kebroonii keessaa loltooti goototi biyya Giil'aadii qachaa Yaazer keessatti dhaggamane.
1CH 26:32 Yeriiyaan firoota dandeettii qabanuu fi sooreyyii maati'ii ka te'ane namoota kuma lamaa fi dhibba torba qabaayyu; mootichi Daawiti akka isaan kutaa biyya Ruubenii, kutaa biyya Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee keessatti hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa hujanu itti gaafatantoota godhe.
1CH 27:1 Israa'elooti sooressitoota maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaa, qondaaltoti isaan gurmeessanulle kutaa woraanaa keessatti mootummaa kanaaf tajaajilane; kutaan woraanaa tokko tokkoon isaatuu namoota kuma diddamii afur ifi keessaa qabu kun woggaa keessatti ji'a tokko tokko hujatiisaaf, kutaan haarenni yennaa dhufu ka hujate ammoo hin galaayyu; tarreen isaanii asii gad jiran:
1CH 27:2 Ilmi Zabdii'elii Yaashobi'aam, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a qaraa yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:3 Inni sanyii Faaresii ti; ajjajjoota kutaa loltoota ji'a qaraa maraafuu sooressi isa.
1CH 27:4 Dodaayi sanyiin Ahohii, ji'a lammeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a lammeesso'oo yoo te'u, Miiklotille itti aanaa ajajaa kutaa loltoota sanii ti; namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:5 Hayyichi sooressi ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, ji'a arfeesso'ootitti ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a sadeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:6 Benaayaan gootota soddoma keessaa goota jaba'a. Ilmi isaa Amiizaabaad, ajajaa kutaa loltoota abbaa ifii ti.
1CH 27:7 Arfeessoon, obboleessi Yo'aabii Asaahel, ji'a arfeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a arfeesso'oo yoo te'u, ilmi isaa Zebaadiyaan addee isaa bu'e; namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:8 Nami Yizraahii Shaamhut, ji'a shaneesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a shaneesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:9 Jayeessoon, ilmi Iqeshii nami Teqo'aa Liraan, ji'a jayeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka jayeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:10 Torbeessoon, sanyiin Efreemii nami Phelonii Helez, ji'a torbeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a torbeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:11 Saddeetessoon, maatiin Zera'aa ka sanyii Hushaa Siibekaayi, ji'a saddeetesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a saddeetesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:12 Sagaleessoon, nami Anaatotii sanyiin Beniyaaminii Abii'ezer, ji'a sagaleesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a sagaleesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:13 Kudhaneessoon, maatiin Zera'aa nami Netofa'aa Maharaay, ji'a kudhaneesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a kudhaneesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:14 Kudhanii tokkeessoon, nami Phiiraatonii Benaayaan sanyiin Efreemii, ji'a kudhanii tokkeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a kudhanii tokkeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur.
1CH 27:15 Kudhanii lammeessoon, nami Netofa'aa sanyiin Otnii'elii Heldaayi, ji'a kudhanii lammeesso'ootitti, ajajaa loltootaa ka ji'a kudhanii lammeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessa kuma diddamii afur.
1CH 27:16 Sooressitooti gosoota Israa'elii ka asii gad jiranu: gosa Ruubenii ka sooressu ilma Ziikrii Elii'ezer; gosa Shimi'oon ka sooressu, ilma Ma'akaa Shefaaxiya'a.
1CH 27:17 Gosa Lewwi'ii ka sooressu, ilma Qemu'elii Hashabiiya'a; maatii Aaronii ka sooressu, Zaadoq.
1CH 27:18 Gosa Yihuda'aa ka sooressu, obboleessa Daawitii Eliihu'u; gosa Yisaakorii ka sooressu, ilma Mikaa'elii Omiri.
1CH 27:19 Gosa Zebuloonii ka sooressu, ilma Obaadiya'aa Yishmaa'iya'a; gosa Niftaalemii ka sooressu, ilma Azrii'elii Yeremoot.
1CH 27:20 Gosa Efreemii ka sooressu, ilma Azaziya'aa Hoshe'a'a; gamisa gosa Minaase'ee ka sooressu, ilma Phedaaya'aa Yo'el.
1CH 27:21 Gamisa gosa Minaase'ee ka Giil'aadi keessaa ka sooressu, ilma Zakaariyaasii Iddo; gosa Beniyaaminii ka sooressu, ilma Abneerii Ya'aasi'el.
1CH 27:22 Gosa Daanii ka sooressu, ilma Yerohaamii Azaareli; isaan kun worra sooressitoota gosoota Israa'elii te'e.
1CH 27:23 Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa Israa'elii akka urjoota ol-gubba'aa hin baceessa» jedhee waadaa waan galeef, Daawiti namoota woggaa diddamaa gadii hin laakkonne.
1CH 27:24 Yo'aab ka Zeruyaan deette namoota laakkowiisa jalqabee, ammoo laakkowee hin muummessine; laakkowamiisa kolba'aa kanaaf aariin Waaqaa kolbaa Israa'elii irratti waan bobeetteef, laakkossi kolba'aa kitaaba dabarsii mooticha Daawitii keessatti hin barreeffanne.
1CH 27:25 Ilmi Adii'elii Azmaaweti, itti gaafatamaa qabeenna mana mootumma'aa ti; ilmi Uziya'aa Yonaataan, itti gaafatamaa qabeenna biyya keessaa, qabeenna qachoota keessaa, qabeenna ollaa keessaatii fi xelleephoo keessaa ti.
1CH 27:26 Ilmi Keluubii Ezri itti gaafatamaa hujii fichaa qonnaa ti.
1CH 27:27 Nami qachaa Raamaatii Shime'i itti gaafatamaa fichaa muka woyni'ii ti; Zabdiin nami Shiifmii itti gaafatamaa cunfaa midhaan woyni'ii ka fichaa muka woyni'ii keessatti kuufamuu ti.
1CH 27:28 Ba'aal-Hanaan nami Gederii itti gaafatamaa mukoota ejersaatii fi mukoota harru'uu kooba karaa seensa adu'uutiin jalaa ti; Yo'aas itti gaafatamaa kuusaa zayitii ejersaa ti.
1CH 27:29 Nami Shaaronii Shiitraay, itti gaafatamaa loon Shaaron keessa tikatanuu ti; ilmi Adlaayimii Shaafaax itti gaafatamaa loon dhooqa keessa tikatanuu ti.
1CH 27:30 Obiiliin Ishimaa'elichi itti gaafatamaa gaalaa ti; nami Meronootii Yedaa'iyaan, itti gaafatamaa harreele'ee ti.
1CH 27:31 Nami Hagirii Yaaziiz, itti gaafatamaa hoolotaa ti; isaan martinuu itti gaafatantoota qabeenna Daawitii mootichaa ti.
1CH 27:32 Abbaa diqqaan Daawitii mootichaa Yonaataan, ka namatti gorsu, nama hubata'aa fi beeka'a. Yehii'el ilmi Hakmonii ilmaan mootichaa guddisaa ture.
1CH 27:33 Ahiitofel gorsaa mootichaa ti; Hushaayi nami kolbaa Arkii lansa mootichaa ti.
1CH 27:34 Ahiitofelitti aanee ilmi Benaayaatii Yehoyaadaan, isatti aanee Abiyaataar addee fudhatane. Yo'aab ajajaa loltoota mootichaa te'e.
1CH 28:1 Mootichi Daawiti qondaaltota kolbaa Israa'elii mara sooressitoota gosaa, ajajjoota kutaa loltootaa, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, itti gaafatantoota qabeenna maraa, itti gaafatantoota loon mootichaatii fi ilmaan isaa, qondaaltota mana mootumma'aatii fi loltoota gootota Yerusaalemitti wolitti waame.
1CH 28:2 Achiin duuba mootichi Daawiti ka'ee dhaabatee, «Obboleeyyan tiyya, kolbaa tiyya, na dhage'a'a. Ani mana Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa keessa tee'u, miilli Waaqa keennaa ka keessa ijjatu ijaariisaaf yaadadhee, ijaariisaafille qophii godhadheera.
1CH 28:3 Waaqi ammoo anaan, ‹Ati nama woraanaa, ka dhiiga dhangalaaseeru waan teeteef, ati Maqaa kiyyaaf mana hin ijaartu› jedhe.
1CH 28:4 Te'uu malee Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani kolbaa Israa'elii haga bara baraa bulchuuf, maatii abbaa kiyyaa duudii keessaa na fileera. Gosa Yihuda'aa sooressitoota akka te'anuuf, sanyii Yihuda'aa keessalle'ee maatii abbaa kiyyaa filatee, ilmaan abbaa kiyyaa keessalle'ee akka ani kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'uuf natti gammadeera.
1CH 28:5 Mootiin Waan Maraa ilmaan hedduu naa kenneera; ilmaan tiyya mara keessalle'ee barcumaa mootumma'aa ka mootummaa Mootii Waan Maraa irra tee'ee, kolbaa Israa'elii mara akka bulchuuf ilma kiyya Solomoon filateera.
1CH 28:6 Mootiin Waan Maraa anaan, ‹Ilmi keeti Solomoon ilma kiyya akka naaf te'u, ani abbaa akka isaaf te'u waan filadheef, inni mana kiyyaa fi badhinna mura'aa kiyya naaf hin ijaara.
1CH 28:7 Inni akkuma amma godhu kana, ajajaa fi seera kiyya jabeessee yoo eege, ani mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa› jedhe.
1CH 28:8 «Maarre amma ani lafa dansaa tana akka dhaaltanuu fi ijoollee teessaniifille dhaala bara baraa akka gootanuuf, ajaja Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka dansaa akka eegattanuuf, kolbaa Israa'elii mara, wolde'a Waaqaa duratti, Waaqa keenna ka nu dhage'uu fi ka nu dhaggu duratti isin ajaja.
1CH 28:9 «Atille Solomoon, ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa gadhaa nama maraa qorqoree waan ilaaluuf, yaada namaatii fi karoora namaa waan beekuuf, Waaqa abbaa keetii beekiitii, gadhaa tokkochaa fi qalbii fedhii qadduun isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde, isa hin dhaggita; ati yoo isa lakkitte innille haga bara baraa si hin lakkisa.
1CH 28:10 Kunoo, addee woyyittii Galma Waaqaa akka ijaartuuf, Mootiin Waan Maraa si filateera; atille jabaadhuutii hujadhu» jedhe.
1CH 28:11 Achiin duuba Daawiti fakkii karoora ijaarsaa ta soroo Galma Waaqaa, ta kutaa badhoo mana keessaa, ta kutaa meya gatii guddo'oo keessa keyanuu, kolloota mana mana irraa, kolloota gara keessaa ta addee araarri cubbuu kolba'aa itti kennamuu ilma ifii Solomoonitti kenne.
1CH 28:12 Inni fakkii karoora badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa, kolloota Galma sanitti naanneffamanee ijaaranuu mara, kolloota qabeenna Galma Waaqaatii fi waan Waaqaaf adda baye keessa keyanu akka qalbii isaa keessaa qabutti ilma ifiititti kenne.
1CH 28:13 Inni ammalle ramaddii hayyootaatii fi Lewwootaa maan akka hujanu, hujiin tajaajila Galma Mootii Waan Maraa keessaa marti attam akka hujantu, meen achi keessa ittiin hujanu kam akka te'e isatti hime.
1CH 28:14 Meya worqii irraa hujamee, hujii adda addaa ittiin hujiisaaf barbaachisuuf, haga worqii isaa, meya meetii irraa hujamee, hujii adda addaa ittiin hujatiisaaf barbaachisuufille haga meetii isaa,
1CH 28:15 akkuma tajaajila waan issaan irra keyamuutitti, waan issaa irra keyanu ka worqii irraa hujamee fi issaa isaa ka worqii irraa hujame haga worqii isaa, waan issaan irra keyamu ka meetii irraa hujamee fi issaa isaa ka meetii irraa hujame haga meetii isaa,
1CH 28:16 xarapheessaa daabboo Waaqaaf woyyoontu irra keyanu tokko tokkoo isaatiif, haga worqii isaa, xarapheessaa meetii irraa hujamuuf, haga meetii isaa,
1CH 28:17 filaa fooniitiif, qori'iif, muduunu'uuf, worqii qulluu; qorii boollitti'iifille tokko tokkoofuu haga worqii isi'ii, qorii meeti'iitiifille tokko tokkoofuu haga meetii isi'ii,
1CH 28:18 addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamuuf, worqii baqisiifante, akkasuma fakkii karooraa ta ifii garreettaa harkifamu ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka worqii irraa hujamee, koollii isaanii Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa irra gonboobeeru san itti kenne.
1CH 28:19 Daawiti, «Karoorri kun martinuu Mootiin Waan Maraa na qajeelchee barreeffame; inni na qarqaaree waan karoora kana keessa jiru mara hubadhe» jedhe.
1CH 28:20 Achiin duuba Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Jabaadhu, jajjabaadhuutii huji. Waaqi kiyya, Mootiin Waan Maraa Waaqi si woliin waan jiruuf, hin sodaatin, hin nayinille'e. Haga hujiin Galma Waaqaa tun hobbaatutti inni si hin lakkisu yookiin si hin gatu.
1CH 28:21 Kunoo, hayyootii fi Lewwooti hujii Galma Waaqaa maraaf ramadamanee qophowaneeran; worri hujii harkaatiin ogeeyyii te'ane, hujiisaafille fedhii ka qabanu marti si hin qarqaaran. Qondaaltotii fi kolbaan marti waan ati ajajje mara hin fudhatan» jedhe.
1CH 29:1 Achiin duuba mootichi Daawiti gumii san maraan, «Ilmi kiyya Solomoon ka Waaqi filate kun mucaa diqqa'a; muuxannoolle hin qabu. Manni guddaan ijaaramu kun Mootii Waan Maraa Waaqaaf ijaarama malee, namaafii moti; tanaaf hujiin isaa tun hujii guddo'o.
1CH 29:2 Kunoo, ani haga hunna tiyyaatitti, Galma Waaqa kiyyaa ijaariisaaf meya worqii irraa hujamuuf worqii, meya meetii irraa hujamuuf meetii, meya sageettuu irraa hujamuuf sageettuu, meya sibiila irraa hujamuuf sibiila, meya muka irraa hujamuuf muka, akkasuma dhakaa Sardoniikiille, dhakaa gatii guddo'oo ka tarree galchanee ittiin mana miidhassanu, dhakaa gurraacha calalaqaa, dhakaa gatii guddo'oo ka bifa adda addaatii fi dhakaa adii calalaqaa baceessee qopheesseera. Isaan kana mara baceessee wolitti qabeera.
1CH 29:3 Kana maleelle, ani jaalaltii hujii Galma Waaqaa waan qabuuf, waan qara Galma Waaqaa kanaaf qopheesse irratti dabalee, qabeenna kiyya keessaa worqi'ii fi meetii hin kenna:
1CH 29:4 Dalleya Galma Waaqaa midhassiisaaf worqii Ofiirii gara kiiloogiraama kuma dhibbaatii fi meetii gara kiiloogiraama kuma dhibba lamaa fi kuma afurtamaa,
1CH 29:5 meya ogeessoti hujanu maraaf, ka worqi'iin hujamuuf worqii, ka meetii irraa hujamuuf meetii hin kenna. Maarre adha fedha ifiitiin ka Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsu eennu ree?» jedhe.
1CH 29:6 Achiin duuba sooreyyiin maati'ii, qondaaltoti gosa Israa'elii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaatii fi itti gaafatantooti hujii mootichaa fedha ifiitiin kennansa kennane.
1CH 29:7 Ijaarsa Galma Waaqaatiif worqii gara kiiloogiraama kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatama caaltu, meetii gara kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi kuma afurtama caaltu, sageettuu gara kiiloogiraama kuma dhibba jaa fi kuma diddamaa kenniisaaf murteessane. Sibiila gara kiiloogiraama miliyoona sadii fi kuma dhibba afurii fi kuma shantama.
1CH 29:8 Worri dhakaa gatii guddo'oo qabanu, ka qabeenna Galma Waaqaa eegu Yehii'elii Geshoonichatti kennane.
1CH 29:9 Sooressitooti isaanii fedha ifiitiin, gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatiif waan kenniteef, kolbaan gammadde. Mootichi Daawitille guddoo gammade.
1CH 29:10 Mootichi Daawiti achitti kolbaa mara duratti Mootii Waan Maraa leellisee, «Waaqa abbaa keenna Israa'elii haga bara baraa leellifami.
1CH 29:11 Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda'a; hunnaamessalle'e. Ulfinni, baalli'ii fi arnyi keeti. Wonni ol-gubba'aa fi lafa irra jirtu marti teeti; ati mooticha waan maraan olii ti.
1CH 29:12 Durumma'aa fi ulfinni marti si biraa dhufan. Ati jabeennaa fi hunna teetiin waan mara bulchita. Ati nama mara gudda'aa fi jabaa tolchuu hin dandeetta.
1CH 29:13 Amma, Waaqa keenna, si galateeffanna; maqaa keeti ulfaataa hin leellifanna.
1CH 29:14 «Nuuti fedha keennaan akkas akka kenninu ka nu dandeessitte ani eennu? Kolbaan tiyyalle eennu? Wonni marti kennansa si biraa nuuf dhufe; waanuma duruu keeti te'e qofa deebinnee siif kennine.
1CH 29:15 Nuuti si duratti akkuma abbootii teenna ta durii akka alaga'aatii fi akka keessumma'aa ti. Barri keenna lafa irratti akka gaaddisaa ti; du'a jalaa miliquu hin dandeennu.
1CH 29:16 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna, ulfinna Maqaa keeti woyyichaatiif Galma ijaariisaaf, meyaa fi horiin bacaan nuuti sii kennine marti si biraa nuu dhufane; wonni kun martinuu teeti.
1CH 29:17 Waaqa kiyya, ati gadhaa namaa akka qorqortuu fi yaada qajeela'atti akka ati gammaddu ani hin beeka. Tanaaf, ani waan kana maraayyuu fedha kiyyaan, yaada qajeela'aan kenneera; kolbaan teeti ta asitti dachaateertulle fedha ifiitiin kennansa sii kenniisaaf attam akka gammadelle ani dhaggeera.
1CH 29:18 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teenna ta durii ka Abrahaamii, ka Yisihaqii, ka Israa'elii yaada kolbaan teeti sii kennite kana haga bara baraa gadhaa isaanii keessatti isaaniif eegi; akka si'iif addatamanulle godhi.
1CH 29:19 Ilmi kiyya Solomoon ajaja, seeraa fi seerata keeti eegatee, waan ani qophii godheen Galma ijaariisa akka dande'u fedhii guutuu isaaf kenni» jedhe.
1CH 29:20 Achiin duuba Daawiti kolbaa san duudi'iin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keessan leellisa'a!» jedhe. Kolbaan sun duudiin Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii leellifatte; isaan gad jedhanee, Mootii Waan Maraatii fi mootichaafille ulfinna kennane.
1CH 29:21 Boruyyaa isaan ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessane; kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif korommii kuma tokko, korbeeyyii hoole'ee kuma tokko, buruusoo korbeeyyii hoole'ee kuma tokko kennansa unto'oo woliin, ciincaan bacaan marroo kolbaa Israa'elii maraatiif dhikaate.
1CH 29:22 Gaafa san isaan gammada gudda'aan Mootii Waan Maraa duratti nyaatanee unane. Achiin duuba isaan ilma Daawitii Solomoon akka inni mootii te'u yennaa lammeesso'oo Mootii Waan Maraa duratti muudane; Zaadoqille akka hayyuu te'u muudane.
1CH 29:23 Achiin duuba Solomoon addee abbaa ifii Daawitiititti, barcumaa Mootii Waan Maraa irra tee'e. Wonni marti isaaf teetee, kolbaan Israa'elii martille isaaf ajajante.
1CH 29:24 Sooressitootii fi dhiirti goototi marti, ilmaan Daawitii mootichaa martille, akka isaaf ajajamanu Solomoonii mootichaaf mirkaneessane.
1CH 29:25 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii mara biratti Solomoon, nama guddoo beekkamaa akka te'u godhee, arnya mootumma'aa ka mootota isaan qara Israa'el irratti mootii te'ane irra ijjumaa hin jirre, isaaf kenne.
1CH 29:26 Ilmi Iseyii Daawiti kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'e.
1CH 29:27 Inni Kebroon keessa tee'ee woggaa torba, Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii sad, wolumatti inni woggaa afurtama Israa'el bulche.
1CH 29:28 Achiin duuba inni durumma'aa fi ulfinna dhaggatee, bara hedduu le'ee, dulloomee du'e. Ilmi isaa Solomoon addee isaatitti mootii te'e.
1CH 29:29 Wonni mootichi Daawiti bara mootummaa ifii keessa huje, jalqabaa haga dhumaatitti, kitaaba dabarsi'ii ka Saamu'elii mudhii dhagguu, kitaaba dabarsi'ii ka Naataanii raagichaatii fi kitaaba dabarsi'ii ka Gaadii mudhii dhagguu keessatti dhaggama.
1CH 29:30 Barreeffama san keessatti marroon mootummaa isaa, marroon gootummaa isaa, wonni isa irra dhaqqabe, wonni kolbaa Israa'elii irra dhaqqabe, wonni mootummoota biyya lafaa ta dhibii irralle dhaqqabe martinuu barreeffameera.
2CH 1:1 Ilmi Daawitii Solomoon mootummaa ifii jabeeffate; Mootiin Waan Maraa Waaqi isa eebbisee, mooticha jabaa isa godhe.
2CH 1:2 Achiin duuba Solomoon kolbaa Israa'elii mara, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, abbootii mura'aatii fi sooreyyii mootumma'aa mara, sooreyyii maati'ii mara ajajee,
2CH 1:3 Dunkaaniin Woldeenna'aa ta Waaqaa, ta tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen goomolee keessatti huje waan achi jirtuuf, Solomoonii fi kolbaan marti gara addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessaa dhaqane.
2CH 1:4 Te'uu malee, Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, ta Kiriiyat-Ya'ariim jiru fidee, dunkaanii Yerusaalem keessatti dhaabe keessa keyeeraayyu.
2CH 1:5 Addeen ciinca'aa ta ilmi Urii Baxaali'el, akaakoon Huurii, sageettuu irraa huje achi Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa dura jirtiiyyu; maarre Solomoonii fi kolbaan sun achitti fedhii Mootii Waan Maraa barbaadane.
2CH 1:6 Solomoon gara addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujantee, Dunkaanii Woldeenna'aa bira fuula Mootii Waan Maraa dura jirtuu ol bayee, achi irratti kennansa gubamu kuma tokko dhikeesse.
2CH 1:7 Halkan san Waaqi Solomoonitti mudhatee, «Waan ani sii kennu mara na gaafadhu» jedheen.
2CH 1:8 Solomoon deebisee Waaqaan, «Ati abbaa kiyya Daawititti jaalala keeti guddaa ka bara baraa mudhittee, akka ani addee isaatitti mootii te'u na gooteerta.
2CH 1:9 Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa, ati kolbaa bindillaa biyya lafaa irratti mootii waan na gooteef, waadaan ati abbaa kiyya Daawitiif galte muummowuu ti.
2CH 1:10 Qarumma'aa fi beekkumsa ani ittiin kolbaa tana bulchu naaf kenni; yoo tun hin te'in kolbaa teeti hunnaamettii tana eentu bulchuu dande'a ree?» jedhe.
2CH 1:11 Waaqi Solomooniin, «Ati durummaa, qabeenna, ulfinna yookiin diinoti keeti akka dhumatanu, ifiifuu bara dheeraa akka leetuuyyuu hin gaafanne; ammoo kolbaa tiyya ta ani irratti mootii si godhe akka bulchituuf, qarumma'aa fi beekkumsa akka sii kennuuf waan na gaafatteef,
2CH 1:12 ani qarumma'aa fi beekkumsa sii hin kenna; kana maleelle qarummaa, qabeennaa fi ulfinna moototi si'iin duraa hin qanne, ka moototi si'iin duuba mootii te'u'uu jiranulle hin qabaanne sii kenna» jedhe.
2CH 1:13 Achiin duuba Solomoon addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessaa ta Dunkaanii Woldeenna'aa duraatii ka'ee, gara Yerusaalemii deebi'e. Inni achi tee'ee kolbaa Israa'elii bulche.
2CH 1:14 Solomooniin mootichi garreettota fardo'oon harkifamanu kuma tokkoo fi dhibba afurii fi abbootii fardo'oo kuma kudhanii lama wolitti qabate; inni garreettota fardo'oon harkifamanu san keessaa garii qachoota garreettoti keessa keyamanu keessa keyee, garii ifi bira qachaa Yerusaalemii keessa keye.
2CH 1:15 Mootichi meeti'ii fi worqiin Yerusaalem keessatti akka dhaka'aa akka bacattu, birbirsille akka muka harru'uu ka biyya kooba jalaa akka bacatu godhe.
2CH 1:16 Solomoon fardoo ifii biyya Gibxi'iitii fi biyya Qiliiqiya'aa keessaa fichisiise; daldaltooti mootichaa biyya Qiliiqiya'aa keessaa bitanee fidane.
2CH 1:17 Garreettaa fardaan harkifamu tokko beesee meeti'ii dhibba jaan, farda tokko beesee meeti'ii dhibba tokkoo fi shantamaan biyya Gibxi'ii keessaa bitan; dabarsaneelle mootii Heetotaatii fi mootii Sooriya'aatitti gurgurane.
2CH 2:1 Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiif Galmi akka ijaaramu, manni mootumma'aa ka isaalle akka ijaaramu murteesse.
2CH 2:2 Inni namoota ba'aa ba'atanu kuma torbaatama, namoota kooba irraa dhakaa bocanu kuma saddeettama, namooti kum sadii fi dhibbi jaa ammoo hujii akka toowatanu godhe.
2CH 2:3 Solomoon gara Hiiraamii mootii biyya Xiiroosii ergaa ergee, «Abbaan kiyya Daawiti mana mootumma'aa akka ijaarratuuf muka hindheensaa akkuma ergiteef, analle'eef ergi.
2CH 2:4 Ani Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa kiyyaa ka hixaanni foolee dansa'aa keessatti aarfamu, ka daabboon Waaqaaf woyyoontu yennaa mara keessatti isa dura keyantu, galgalaa fi ganama kennansi gubamu itti dhikeeffamu, guyyaa Sanbataatii fi baatii ji'aatitti, yennaa jila Mootii Waan Maraa ta beekkanteetitti waan kana keessatti dhikeessanu, ijaariisaaf murteeffadheera. Kun kolbaa Israa'eliitiif seerata haga bara baraa ti.
2CH 2:5 Waaqi keenna waaqota dhibii mara waan caaluuf, Galmi ani isaaf ijaaru gudda'a.
2CH 2:6 Te'uu malee ol-gubba'aa fi ol-gubbaan olii eega isa qabatuu hin dandeenneeyyuu, eentu Galma isaaf ijaaruu dande'a ree? Addee kennansa isa duratti dhikeessanuuf qofa isaaf ijaara malee, ka Galma isaaf ijaaruu dande'u ani eennu ree?
2CH 2:7 Maarre amma nama ogeessa worqii, meetii, sageettu'uu fi hujii sibiila dhibi'iille, woyaa dhiillee, woyaa bifa cuquliisaa dhowuu beeku naaf ergi. Akkasuma nama Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa tee'ee, namoota ogeeyyii abbaan kiyya Daawiti qopheesse woliin meya adda addaa irratti woy qiriixee bifa itti baasee hujuu dande'u naaf ergi.
2CH 2:8 Namooti keeti gaara Libaanonii irraa muka muriisa waan qabanuuf, Libaanon irraa muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi muka sandali'ii naaf ergi; namooti kiyyalle namoota keeti woliin hin hujan.
2CH 2:9 Galmi Waaqaa ka ani ijaaraaru kun gudda'aa fi miidhagaa te'uu waan qabuuf, falaxaan hedduun naaf qophowuu ti.
2CH 2:10 Ani tajaajiltoota teeti ta muka murtuuf, bullaa qamadi'ii kuntaala dhibba afurii fi afurtama, garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama, akkasuma daadhii woyni'iille litirii kuma dhibba afur, zayitii ejersaa litirii kuma dhibba afur hin erga» jedhe.
2CH 2:11 Achiin duuba mootichi Xiiroosii Hiiraam xalaya'aan Solomooniif deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jaalatuuf, akka ati mootii isaanii teetu si godhe» jedhe.
2CH 2:12 Hiiraam itti dabaleelle, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ka ol-gubba'aa fi lafa dade leellifamuu ti! Inni ilma qaroo malaamessaa fi hubantii guddoo qabu ka Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifiille ijaaratu mooticha Daawitiif kenneera.
2CH 2:13 Ani amma ka hujii harkaatiin dandeettii qabu Huraam si'iif hin erga.
2CH 2:14 Haati isaa dubartii sanyii Daanii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii ti. Inni hujii worqi'iitii fi meeti'ii, hujii sageettu'uutii fi sibiilaa, hujii dhaka'aatii fi mukaa, akkasuma woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiille'ee fi diintuu quncee talba'aa irraa hujiisa beeka. Inni waan akka hujuuf gaafatame mara dhaka'aa fi muka irratti qiriixuu hin dande'a. Inni namoota keeti ka hujii harkaa hujuu beekanuu fi namoota goottaa kiyya, abbaa keeti Daawitii woliin hujuu hin dande'a.
2CH 2:15 «Amma goottaa kiyya qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii ta waadaa galte san ergi.
2CH 2:16 Nuutille muka haga ati barbaaddu gaara Libaanonii irraa murree wolitti hiinee, abbaayaa irra haga Yophe'ee siif hin ergina; atille achii gara Yerusaalemii fudhatuu hin dandeetta» jedhe.
2CH 2:17 Achiin duuba Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti dur laakkossiise, namoota alagaa biyya isaa keessa jiranu mara laakkossiise; namooti sunille kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamii sadii fi dhibba jaa.
2CH 2:18 Isaan keessaa namooti kum torbaatam ba'aa akka ba'atanu, namooti kum saddeettami gaara irraa dhakaa akka bocanu, namooti kum sadii fi dhibbi jaa, hujii akka toowatanu godhe.
2CH 3:1 Achiin duuba Solomoon Yerusaalem keessatti gaara Moriiyaa irratti, addee dur Mootiin Waan Maraa abbaa isaa Daawititti mudhatetti Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe; Daawiti addee Mootiin Waan Maraa isatti mudhate sanitti eeddummee Ornaanii nama biyya Yibusootaa keessatti Galma Waaqaa ijaariisaaf qophowe.
2CH 3:2 Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo keessa, guyyaa lammeesso'ootitti Galma Waaqaa san ijaariisa jalqabe.
2CH 3:3 Galmi Waaqaa ka Solomoon ijaariisa jalqabe, mikii bara durii dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama.
2CH 3:4 Soroon isaa karaa fuula duraatiin, akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, ol dheerinni isi'iille ciqilee dhibbaa fi diddama; inni keessa isi'iille worqii qulluu itti gonfe.
2CH 3:5 Kolloon guddittiin Galma sanii muka hindheensaatiin ijaarantee, worqiin qulluun itti gonfantee, fakkiin muka meexxi'iitii fi haachabaa irratti kaafamane.
2CH 3:6 Mootichi Solomoon Galma san dhakaa gatii guddo'ootiin miidhasse; worqiin inni ittiin seese sun worqii biyya Faarwaayimii ti.
2CH 3:7 Maarre inni buusaa heellichoo Galmaa, keessa isaa, dhaaba isaa, saanqa'aa fi mikikkila balbalaa isaa mara worqii itti gonfee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu dhaaba isaa irratti kaase.
2CH 3:8 Inni Addee Irra Caalaa Woyyittiille ijaarsise. Dheerinni isi'ii akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama. Inni dhaaba isi'ii worqii qulluu kiiloogiraama kuma diddamaa fi dhibba afur geettu itti gonfe.
2CH 3:9 Mismaarri worqi'ii gara giraama dhibba shanii fi torbaatamaa ti; inni kolloota mana mana irraalle worqii itti gonfe.
2CH 3:10 Inni Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu lama muka irraa hujisiisee, worqii itti gonfe.
2CH 3:11 Dheerinni koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu sun ta lamaaniituu wolumatti ciqilee diddama; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokkeesso'oo gara tokkoon ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo bira geya.
2CH 3:12 Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka lammeesso'oo, koolli tokkochi ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka tokkeesso'oo biralle geya.
2CH 3:13 Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun koola ifii Galma keessa ciqilee diddama diriirsanee, kolloo guddittii Galma saniititti fuula galanee miila ifiitiin dhaabbatan.
2CH 3:14 Mootichi Solomoon Addee irra caalaa Woyyittii saniif gollaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille'ee, bifa diima'aa quncee talba'aa dansaa irraa hujee fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti huje.
2CH 3:15 Mootichi Solomoon utuboota ciqilee soddomii shan dheeratanu lama Galma Waaqaa duratti hujisiise. Mataa utuboota sanii tokko tokkoo isaanii irratti guutuu ciqilee shan shan dheerattu hujisiise.
2CH 3:16 Inni haachaba wolitti xaxee miidhassee, qaccee utuboota sanii irra keyee, midhaan, «Muka rumaan» jedhamuu dhibba hujee haachaba saniin wolitti qassiise.
2CH 3:17 Inni utuboota san balbala Galma Waaqaa dura tokkocha gara middaatitti, kaan gara bita'aatitti dhaabe; ka gara middaa jiru, «Yaakiin», ka gara bita'aa jiru, «Bo'az» jedhee moggaase.
2CH 4:1 Mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta sageettu'uu ta dheerinni isi'ii ciqilee diddamaa, badhinni isi'ii ciqilee diddamaa, hojjaan isi'ii ciqilee kudhanii huje.
2CH 4:2 Akkasuma inni waabaa bisaanii ka badhinni afaan isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, keessi gadhaa isaa ciqilee soddomaa sageettuu irraa huje.
2CH 4:3 Xiyyoo afaan waaba'aa jalatti fakkiin korommi'iin naanneffamanee hujamaneeran; waabaa bisaanii san irratti ciqilee tokko tokko irratti fakkiin korommi'ii kudhan kudhaniin tarree lamaan waabaa san woliin wolitti baqisiifamanee hujamaneeran.
2CH 4:4 Waabaan bisaanii sun dudda korommii kudhanii lamaa ta sageettuu irraa hujantee san irra dhaabbata; korommiin sun sad gara kaabaa, sad karaa aduun seentu, sad karaa kibbaa, sad karaa aduun baatu fuula galanee dudda wolitti garagalanee dhaabbataneeraniiyyu; waabaan bisaanii sun dudda isaanii irra jiraayyu.
2CH 4:5 Furdinni waaba'aa haga badhinna barruu harkaa, xiyyoon afaan isaa akka afaan sini'ii gara duubaa garagalee hujamee daraaraa suufi'ii fakkaata; waabaan sun litirii kuma jaatama qabata.
2CH 4:6 Achiin duuba inni kennansi gubamu akka itti dhiqamuuf, qorii kudhan hujisiisee, shan gara kaabaatiin, shan gara kibbaatiin keye; waabaa bisaanii san hayyoota qofatti itti dhiqataayyu.
2CH 4:7 Inni akkuma seeraatitti, waan issaa irra keyanu worqii irraa hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye.
2CH 4:8 Akkasuma inni xarapheessaa kudhan hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye; inni ammalle qorii worqi'ii dhibba tokko huje.
2CH 4:9 Inni badhinna dalleya keessaa ka Hayyootaa hujee, badhinna dalleya keessaa guddichalle hujee, balbaloota san sageettuu itti gonfe.
2CH 4:10 Waabaa bisaanii san Galma Waaqaa irraa gara kibbaa karaa aduun baatuun keye.
2CH 4:11 Huraamille okkotee, akkaafa'aa fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje. Maarre inni meya Galma Waaqaa, Solomoonii mootichaaf hujee akkuma waadaa galetti fixe; mey inni huje ka asii gad jiru:
2CH 4:12 utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utuboota irraa san seesiisaaf caccoo sibiilaa lama,
2CH 4:13 guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utubootaa irraa lamaan san seesiisaaf, waan akka midhaan rumaanii dhibba afur, tokko tokkoo isaaniitiif, waan akka midhaan rumaanii san tarree lama lamaan keye.
2CH 4:14 Inni waan meya irra keyanulle qorii itti dhiqatanu ta isii irra keyanu woliin,
2CH 4:15 waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta waabaa jalaa,
2CH 4:16 okkotoota, akkaafota, filaa fooniitii fi meya waan kana woliin hujii gubbaa oolanu mara sageettuu morodante irraa, tajaajila Galma Mootii Waan Maraatiif akka te'anu mooticha Solomooniif huje.
2CH 4:17 Mootichi Solomoon meya kana mara, dhooqa Yordaanosii keessatti addee faara itti dhowanutti Suukootii fi Zaaretaan wodhakka'atti hujisiise.
2CH 4:18 Mey mootichi Solomoon hujisiise kun marti hedduu waan te'eef, kiiloon sageettuu sanii hagana jedhamee hin beekkamuuyyu.
2CH 4:19 Maarre Solomoon meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu: addee ciinca'aa worqii irraa, xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu,
2CH 4:20 akkuma seera isaaniif kennametti waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujamanee fi issaa isaan irra keyamanu ka addee irra caalaa woyyittii duratti ifanu,
2CH 4:21 worqii qullittii irraa waan akka daraara'aatitti miidhaffamane, issaa, qaraphaa,
2CH 4:22 qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa hixaanaa, bassoo daadhaa ittiin haranuu worqii qulluu irraa hujisiise. Balbalooti keessaa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi balbalooti Galma Waaqaa ta gara kutaa guddo'oo seenanu worqii qulluu irraa hujamaneeran.
2CH 5:1 Mootichi Solomoon hujii Galma Mootii Waan Maraa duudii fixeen duuba, waan abbaan isaa Daawiti hujii tanaaf adda baase mara meetii, worqi'ii fi meya mara mana meyaa ka Galma Waaqaa keessa keye.
2CH 5:2 Achiin duuba Solomoon jaarsolee Israa'elii mara, sooreyyii gosa Israa'eliitii fi maatii Israa'eloota mara Yerusaalemitti waansisee, qachaa Daawitii Xiyoon keessaa Saanduqa Gondooro'oo akka fidanuuf ajaje.
2CH 5:3 Namooti Israa'elii marti yennaa jila ji'a torbeesso'oo keessa jilifatanu mooticha biratti wolitti qabamane.
2CH 5:4 Jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamaneen duuba, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee,
2CH 5:5 gara Galma Waaqaa geessane; Lewwooti hayyoota te'ane Dunkaanii Woldeenna'aatii fi meya woyyicha isii keessaa mara ba'atanee ol fidane.
2CH 5:6 Mootichi Solomoonii fi wolde'i kolbaa Israa'elii marti Saanduqa Gondooro'oo duratti wolitti qabamanee hoole'ee fi korommii hedduu ta laakkossi isaanii hagana hin jedhanne ciincaa dhikeessane.
2CH 5:7 Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa gara Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta Galma Waaqaa keessaa geessanee, koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu jala keyane.
2CH 5:8 Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun addee Saanduqa Gondooro'ootiin gubbaa koola ifii diriirsanee, Saanduqa Gondooro'ootii fi danqaroota isi'ii gollaneeran.
2CH 5:9 Danqarooti sun guddoo dhedheeraa waan te'aneef, qacceen isaanii nama Galma Waaqaa keessa addee irra caalaa woyyittii dura dhaabbatutti hin mudhatti; nama Galma Waaqaatiin ala jirutti hin mudhattu; danqarooti sun haga adhaalle achuma jiran.
2CH 5:10 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate, Mootiin Waan Maraa isaan woliin Gondooroo yennaa godhe, gaara Siina'aa irratti, dhakaa baxxicha lamaan ajaji kudhan irra jiru, ka Muuseen achi keessa keye malee, wonni dhibiin Saanduqa Gondooro'oo san keessa hin jirtu.
2CH 5:11 Hayyooti Galma Waaqaa keessaa gad bayane. Hayyooti worri achi jiranu martinuu, ka badoon hujii isaanii yennaa san hin te'inille ifi woyyoonsane.
2CH 5:12 Lewwooti faarfattooti marti, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun, ilmaan isaaniitii fi dhiirti fira isaanii achi jiraniiyyu; isaan woyaa dansaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatanee, addee ciinca'aa irraa karaa aduun baatu dhaabbatanee, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, maseenqo'oo fi kiraaraan faarfatane. Hayyooti dhibbaa fi diddam isaan cinaa dhaabbatanee tultullaa afuufane.
2CH 5:13 Worri tultullaa afuufuu fi faarfattooti qoonqoo ifii wolqixxeessanee woliin faarfatanu Mootii Waan Maraa leellifatane; isaan tultulla'aan, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, meya gara garaatiin, qoonqoo guddoolle'een, «Inni dansa'a; jaalalli isaalle haga bara baraa hin jiraata» jedhanee, Mootii Waan Maraa leellifatane. Achiin duuba duumensi Galma Mootii Waan Maraa guute.
2CH 5:14 Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa waan guuteef, sababa duumensaatiif, hayyooti tajaajila ifiitiif dhaabbatiisa hin dandeenne.
2CH 6:1 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Ee Mootii Waan Maraa, ati, ‹Duumensa ciggaa dukkanowaa keessa jiraadha› jetteerta.
2CH 6:2 «Ani galma guddaa miidhagaa ati haga bara baraa keessa leetu si'iif ijaareera» jedhe.
2CH 6:3 Achiin duuba wolde'i Israa'elii marti adoo achi dhaabbatiisatti jiranuu mootichi gara isaanii garagalee isaan eebbise.
2CH 6:4 Inni, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii leellifamuu ti! Inni waan afaan ifiitiin abbaa kiyya Daawitiif waadaa gale muummesseera; inni abbaa kiyya Daawitiin,
2CH 6:5 ‹Kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee, qachaa gosa Israa'elii keessaa addee ulfinna maqaa kiyyaatiif Galmi kiyya itti ijaaramu, nama kolbaa tiyya Israa'elii sooressulle namuuyyuu ani hin filanne.
2CH 6:6 Amma ammoo ani maqaa kiyyaaf Yerusaalem filadheera; ati Daawiti kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf si filadheera› jedheera.
2CH 6:7 «Abbaan kiyya Daawiti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma ijaariisaaf gadhaa keessatti yaadateeraayyu.
2CH 6:8 Mootiin Waan Maraa ammoo abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ati maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaariisaaf yaadatiis keeti dansa'a.
2CH 6:9 Te'uu malee ilmuma keeti ka ati uumatutti maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaara malee si'ii moti› jedhe.
2CH 6:10 Amma Mootiin Waan Maraa waadaa gale san muummesseera. Ani akkuma inni waadaa gale san addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra tee'ee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma Waaqaa ijaareera.
2CH 6:11 Saanduqa Gondooro'oo ta Gondooroon Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii woliin gondoorate keessa jirtu achi keessa keyeera» jedhe.
2CH 6:12 Achiin duuba Solomoon addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, wolde'a Israa'elii duratti, harka ifii diriirse.
2CH 6:13 Inni waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta dheerinni isi'ii ciqilee shanii, badhinni isi'ii ciqilee sadii, hojjaan isi'iille ciqilee sadii sageettuu irraa hujisiisee, odduu badhinna dalleya keessaa ka gara alaa keessa keye. Achiin duuba waan san irra dhaabbatee, wolde'a Israa'elii mara duratti jilbiiffatee, harka ifii gara ol-gubba'aa badhisee,
2CH 6:14 «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, ol-gubbaa keessa yookiin biyya lafaa irra Waaqi akka keetii hin jiru; ati tajaajiltoota teeti ta gadhaa tokkochaan fuula keeti dura deddeebi'anuuf Gondooro'oo fi jaalala keeti ka bara baraa hin eedda.
2CH 6:15 Ati tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte muummessiteerta; waan dur afaan keetiin dubbatte adha kunoo harka keetiin muummessiteerta.
2CH 6:16 Amma, Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, waan tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiin, ‹Akkuma ati fuula kiyya dura deddeebite, sanyiin teetille waan gootu maraan akka ajaja kiyyaatitti yoo deddeebite, nami isaan keessaa mootii te'ee barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra fuula kiyya dura tee'u hin dhabamu› jettee waadaa galte san naaf eegi.
2CH 6:17 Amma, ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, jecha tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte san muummessi.
2CH 6:18 «Ee Waaqa, ati dhugumaan biyya lafaa irra namoota woliin leetaa ree? Ol-gubba'aa fi ol-gubbaan oliituu si fuudhuu hin dandeettu; Galmi ani ijaare kun fa'a attam attam diqqaatu ree!
2CH 6:19 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya, daadimataa fi gaaffii mararti'ii ta ana tajaajilaa keetii dhage'i; iyyaa fi daadimata ani tajaajilaan keeti fuula keeti duratti dhikeeffadhu naa caqasi.
2CH 6:20 Ilti teeti halkanii fi guyyaa gara Galma akka maqaan keeti keessa jiraatu goote kanaa ilaaltuu ti. Daadimata ani tajaajilaan keeti gara Galma kanaa fuula galee daadimadhu naaf dhage'i.
2CH 6:21 Daadimata ani tajaajilaan keetii fi kolbaan teeti Israa'elii gara addee tanaa fuula gallee daadimannu, ol-gubbaa bultoo teeti irraa nuu dhage'iitii, nuu araaram.
2CH 6:22 «Nami tokko nama dhibii irratti cubbuu hujee, cubbuu huje saniif gara Galma kanaa dhufee, gara addee ciinca'aa teetii dhikaatee akka kakatuuf yoo gaafatame,
2CH 6:23 ol-gubbaa irraa dhage'iitii muraa kenni; tajaajiltoota teetiif muraa yennaa kennitu ka yakkeef akkuma yakkaa isaatitti mataa isaatitti deebis; balchichaalle balchummaa isaa mudhisiisaan akkuma balchummaa isaatitti isaaf kaffali.
2CH 6:24 «Kolbaan teeti Israa'el waan si yakkiteef, diinota ifiitiin yoo injifatante, gaabbitee, gara keeti deebitee, Galma kana keessatti fuula keeti duratti daadimataa maqaa keeti yoo waammatte,
2CH 6:25 ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu kolbaa teeti Israa'elii araaramiitii, gara lafa isaanii fi abbootii isaaniitiif kennitee isaan deebisi.
2CH 6:26 «Isaan waan si yakkaneef ol-gubbaan cufantee, bokkeenni roobiisa yennaa dhabu, sababa cubbuu isaaniitiif, ati waan isaan rakkitteef, isaan gara addee tanaa fuula galanee yoo daadimatane, maqaa keeti yoo waammatane, cubbuu ifii irraa yoo deebi'ane,
2CH 6:27 ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu tajaajiltoota teeti kolbaa Israa'elii araaram. Karaa qajeelaa irra akka deemanu isaan barsiisi; lafa kolbaa teetiif dhaala gootee kennite irralle'etti bokkeya roobisiisi.
2CH 6:28 «Yennaa beelti yookiin balaan lafa irratti bu'u shantoon, oolaan, awwaannisii fi korophiis midhaan balleessu yookiin yennaa diinni qachaa isaanii keessatti isaan marsee badiin yookiin dhukkubi adda addaa dhufu,
2CH 6:29 kolbaa teeti Israa'el mara keessaa yookiin isaan keessaa nami tokko rakkinnii fi dhukkubbiin isaa itti dhage'antee, harka ifii gara Galma kanaa diriirsee daadimatee yoo gaafate,
2CH 6:30 ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa dhage'iitii isaaniif araarami; gadhaa namaa ka beeku si qofa waan teeteef, nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kenni.
2CH 6:31 Achiin duuba isaan lafa ati abbootii teennaaf kennite keessa bara le'anu mara si hin sodaatan; karaa keetille hin deeman.
2CH 6:32 «Akkasuma ormi tokko ka kolbaa teeti Israa'el keessaa hin te'in, marroo maqaa keeti gudda'aa, marroo irree teeti jaddu'uutii fi harka keeti ka diriiree dhage'ee biyya fago'ootii dhufee, gara Galma kanaa fuula galee yoo daadimate,
2CH 6:33 ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa isaaf dhage'i. Kolbaan lafa irraa marti akkuma kolbaa teeti Israa'elii maqaa keeti beekanee akka si sodaatanu, Galmi ani ijaare kun maqaa keetiin akka waamamu akka beekanu waan ormi sun si gaafatu mara isaaf dhage'i.
2CH 6:34 «Kolbaan teeti diinota ifii loliisaaf gara ati isaan ergitu mara yennaa dhaqanu, gara qachaa ati filattee kanaa fi gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yennaa daadimatanu,
2CH 6:35 ati ol-gubbaa irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif.
2CH 6:36 «Nami hin yakkine waan hin jirreef, kolbaan teeti yoo si yakkitu, ati isaanitti aartee, diinota isaanii ka isaan booji'ee biyya fago'oo yookiin dhiko'oo isaan geessanutti dabarsitee yoo isaan kennitu,
2CH 6:37 kolbaan teeti lafa booji'ante san keessatti qalbii ifiitiin gara keeti deebitee, ‹Cubbuu hunyeerra; yakkineerra; waan hantuu tolchineerra› yoo jette,
2CH 6:38 Lafa itti booji'amane san keessatti gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin gara keeti deebi'anee, gara lafa ati abbootii isaaniitiif kennitee, gara qachaa ati filattee, gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yoo daadimatane,
2CH 6:39 ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif; kolbaa teeti ta si yakkiteef araaramiifille'e.
2CH 6:40 «Amma, ee Waaqa kiyya, ilti teeti gara daadimata addee tanaa ilaaltuu ti; gurri keetille gara daadimata addee tanaa caqasuu ti.
2CH 6:41 Amma, ee Mootii Waan Maraa Waaqa ka'i! Saanduqa Gondooro'oo ka hunna teeti mudhisu woliin gara addee foora teeti koyi. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, hayyooti teeti fayyinna uffatanuu ti; woyyooti teeti dansummaa teetiin firinxiixanuu ti.
2CH 6:42 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ka muudde san hin lakkisin; jaalala keeti ka bara baraa ka tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte yaadadhu» jedhe.
2CH 7:1 Mootichi Solomoon daadimatiisa ifii fixateen duuba, ibiddi ol-gubbaa irraa gad bu'ee kennansa gubamuu fi ciincaa dhikaate san nyaatee fixe; ulfinni Mootii Waan Maraalle Galma Waaqaa san guute.
2CH 7:2 Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa san waan guuteef, hayyooti achi keessa seenuu hin dandeenne.
2CH 7:3 Kolbaan Israa'elii marti ibiddi gad bu'aaruun, ulfinna Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa guutuun yennaa dhaggite, dhakaa afame irratti jilbiiffatanee, fuulaan gad gombifamanee Mootii Waan Maraa waaqonfataa, «Inni dansa'a; jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee isa leellisane.
2CH 7:4 Achiin duuba mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane.
2CH 7:5 Mootichi Solomoon loon kuma diddamii lama, hoole'ee fi re'ee kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama ciincaa dhikeesse. Maarre innii fi kolbaan marti Galma Waaqaa eebbisane.
2CH 7:6 Hayyooti addee isaaniif kennante dhaabbatane; Lewwootille meya ittiin faarsanu, ka Daawiti dur Mootii Waan Maraa akka ittiin leellifatanuuf hujisiise, ka ittiin, «Jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee faarsanu san qabatanee dhaabbatane; hayyooti fuullee Lewwootaatitti dhaabbatanee tultullaa yennaa afuufanu, Israa'elooti achi jiranu martinuu dhaabbatane.
2CH 7:7 Addeen ciinca'aa ta Solomoon sageettuu irraa hujisiise sun ciincaa duuduma gubamuuf, kennansa midhaaniitii fi moora ciinceffamuuf waan dhiphatteef, Solomoon badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa dura jiru ka wodhakkaa addee ciincaan itti dhikaattuu eebbisee, achitti ciincaa gubamuu fi moora ciinceffamu dhikeesse.
2CH 7:8 Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti torbaan tokko achitti jila jilifatane; seensuma Haamaatii irraa kaasee haga laga Gibxi'iititti gumiin hedduun wolitti qabante.
2CH 7:9 Jila eebba addee ciinca'aa guyyaa torba jilifatane; itti dabalaneelle guyyaa torba jila jilifatanee, guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhatane.
2CH 7:10 Guyyaa itti aanu, Solomoon ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa diddamii sadeesso'ootitti kolbaan gara mana ifii akka galanu godhe. Isaan marroo waan dansaa Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif, Daawitii fi Solomooniif godhee gammadaa galane.
2CH 7:11 Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa ijaaree fixe; inni Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa waan hujiisaaf yaade mara fixe.
2CH 7:12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa halkaniin isatti mudhatee, «Ani daadimata keeti dhage'eera; Galmi kunille addee ciincaa naaf itti dhikeessanu akka te'uuf filadheera.
2CH 7:13 Ani bokkeenni akka hin roonne ol-gubbaa yennaa cufu yookiin awwaannisi midhaan keessan akka fixu yennaa ajaju yookiin kolbaa tiyya irratti balaa yennaa buusu,
2CH 7:14 kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage'a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa.
2CH 7:15 Ilti tiyya gara daadimata addee tanaa hin ilaalti; gurri kiyyalle isii hin caqasa.
2CH 7:16 Maqaan kiyya haga bara baraa achi keessa akka jiraatuuf ani Galma kana filadheera; ilti tiyyaa fi gadhaan kiyya yennaa mara achi hin jiraata.
2CH 7:17 Atille akkuma abbaan keeti Daawiti godhe, fuula kiyya dura deddeebitee waan ani si ajaje mara yoo goote, seerataa fi seera kiyya yoo eegatte,
2CH 7:18 achiin duuba ani akkuma dur abbaa keeti Daawitiin, ‹Israa'el ka bulchu sanyii teeti keessaa hin dhabamu› jedhee waadaa isaaf gale, ani barcumaa mootumma'aa keeti hin jabeessa.
2CH 7:19 Isin ammoo seerataa fi ajaja ani isinii kenne lakkittanee, waaqota dhibii yoo waaqonfattane,
2CH 7:20 ani lafa isiniif kenne keessaa isin hin baasa; Galma maqaa kiyyaatiif adda baafadhe kanalle hin lakkisa; odduu kolbaa maraatitti waan mammaassaatii fi murgo'oo godha.
2CH 7:21 «Galmi kun amma ka baaseffachiisu te'ulle worri karaa san dabaru maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti godhe?› hin jedhan.
2CH 7:22 Kolbaan deebittee, ‹Sababa isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ka biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase lakkisanee, waaqota dhibi'itti maxxananee, isaan waaqonfatanee, isaan tajaajilaneef, badii tana mara isaanitti fide› hin jetti» jedhe.
2CH 8:1 Mootichi Solomoon Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa ka ifii woggaa diddama ijaareen duuba,
2CH 8:2 olloota Hiiraam isaaf kenne haaressee ijaaree, Israa'eloota achi keessa qubachiise.
2CH 8:3 Achiin duuba Solomoon gara biyya Haamaat-Zobaatii duulee qabate.
2CH 8:4 Inni ammalle goomolee keessatti qachaa Tadmoorii ijaareen duuba, kutaa Haamaatii keessalle'etti qachoota gootaraa midhaaniitii fi mana meya adda addaa ijaarsise.
2CH 8:5 Inni Bet-Horoonii Gubba'aatii fi Bet-Horoonii Jalaa ijaarsisee dalleya dhaka'aa itti ijaaree, karraa fi danqaraa itti tolche.
2CH 8:6 Akkasuma qachaa Ba'aalaatii, qachoota gootaraa midhaaniitii fi qachoota meya adda addaa mara, qachoota garreettaan fardaan harkifamu keessa tee'anuu fi qachoota abbootiin fardaa keessa le'anu, waan ijaaruu yaade maralle Yerusaalemitti, Libaanonitti, kutaa biyya ifii bulche mara keessalle'etti ijaarsise.
2CH 8:7 Sanyii Israa'elii ka hin te'in, worra achitti hafane mara Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota,
2CH 8:8 sanyii isaanii ka Israa'elooti balleessuu lakkisanee lafa san keessatti hamburane mara, Solomoon haga adhaatitti isaan garboonfatee, akka isaaf tajaajilanu godhate.
2CH 8:9 Israa'eloota ammoo loltoota ifii, ajajjoota loltoota ifii, ajajjoota garreettota fardaan harkifamanuutii fi abbootii fardaa godhate malee, akka garbootaatitti hin hujisiifanne.
2CH 8:10 Mootichi Solomoon qondaaltota sooreyyii dhibba lamaa fi shantama qabaayyu.
2CH 8:11 Solomoon, «Addeen Saanduqi Gondooro'oo jirtu woyyuu waan teeteef, haati manaa tiyya mana mootumma'aa ka Daawitii mootii Israa'elii keessa le'uu isii hin barbaachisu» jedhee, haadha manaa ifii intala mootii Gibxi'ii qachaa Daawitii keessaa gara mana mootumma'aa ka isi'iif ijaaree geesse.
2CH 8:12 Achiin duuba Solomoon kennansa gubamu addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa, ta soro'oon duratti ijaare irratti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.
2CH 8:13 Inni akkuma Muuseen ajajetti guyyaa guyya'atti, guyyaa Sanbataatitti, baatii ji'aatitti, jila wogga'atti yennaa sad jilifantutti, jila daabboo uukoo hin qanneetitti, jila torbaan torbaatii fi jila gose'eetitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.
2CH 8:14 Inni seera abbaa ifii Daawitii hordofiisaan hayyoota hujii hujii isaaniititti, Lewwoota waan guyyaa guyya'aan barbaachisu hayyoota akka qarqaaranuuf, faaruulle'een leellisa akka dhikeessanu hujii hujii isaaniititti isaan ramade; inni ammalle akkuma nami Waaqaa Daawiti ajaje, worri karra eegu karra mara akka eeganu godhe.
2CH 8:15 Nami tokkolle waan mootichi marroo hayyootaatii fi Lewwootaa, akkasuma marroo mana qabeennaatii fi waan inni ajaje maraayyuu irraa hin gorre.
2CH 8:16 Guyyaa hundeen Galma Waaqaa keyantee jalqabee haga guyyaa ijaarsi dhumateetitti, hujiin Solomoonii marti teeteef. Maarre ijaarsi Galma Waaqaa hobba'e.
2CH 8:17 Achiin duuba Solomooniin mootichi gara qachaa Eziyon-Geberiitii fi qachaa Elootii ka biyya Edoomii keessa irga abbaaya'aa jiranuu dhaqe.
2CH 8:18 Hiiraamiin mootichi qondaaltota ifii keessaa harka worra hoboloo guddittii oofuu beekuutitti hoboloota gugurdo'oo fi namoota waan abbaaya'aa beekanu Solomooniif erge; jarri sun qondaaltota Solomoonii woliin lafa Ofiirii dhaqanee, worqii gara kiiloogiraama kuma kudhanii shanii ol Solomoonii mootichaaf fidane.
2CH 9:1 Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomoonii dhageettee, gaaffii rakkittuu isa gaafatiisaaf gara Yerusaalemii dhutte. Isiin namoota hedduu qabattee uddowaa adda addaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feesifattee dhuttee, yennaa Solomooniin wol dhaggite, waan gadhaa ifiititti yaadatte mara isa woliin dubbatte.
2CH 9:2 Solomoon waan isiin gaafatte maraaf deebii kenne; wonni inni isi'iif deebii kennuu dadhabe takkaalle hin jirtu.
2CH 9:3 Mootittiin biyya Sheeba'aa qarummaa Solomooniitii fi mana mootumma'aa ka inni ijaarelle yennaa dhageette,
2CH 9:4 isiin sagalee qorii isaatitti dhikaattu, akka qondaaltoti isaa itti tee'anu, akka tajaajiltooti isaa tajaajila isaaf kennanuu fi akka isaan uffana ifii itti uffataneeranu, akka Solomoon Galma Waaqaa keessatti ciincaa itti dhikeessu yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte.
2CH 9:5 Isiin mootichaan, «Marroo hujii teetiitii fi marroo qarummaa teetii wonni ani biyya tiyya keessatti dhage'e dhuga'a.
2CH 9:6 Ani haga ifumaafuu dhufee dhaggutti waan natti himane hin dhugeeffanne. Ani qarummaa teeti gamisaayyuu hin dhageenne. Ati ta kolbaan jettuuyyuu hin caalta.
2CH 9:7 Namooti keeti worri si tajaajilanu attam attam ka hiree dansaa qabanu! Qondaaltoti teeti worri yennaa mara si dura dhaabbatanee, qarummaa teeti dhage'anu attam attam ka badhaadhane!
2CH 9:8 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka si jaalatee, barcumaa mootumma'aa ka ifii irra si teessisee, akka ati bulchituuf mootii ka si godhe leellifamuu ti. Inni kolbaa ifii Israa'el waan jaalatuuf haga bara baraa akka isaan le'anu waan fedhuuf, ati haqa akka murtuu fi balchummaa akka hujju isaan irratti mootii si godheera» jette.
2CH 9:9 Achiin duuba isiin worqii kiiloogiraama kuma afurii caaltu, uddowaa adda addaa baca'aa fi dhakaa gatii guddo'oo Solomooniif kennite. Uddowaan akka uddowaa mootittiin biyya Sheeba'aa Solomoonii mootichaaf kennitee, tokkolle dhaggamee hin beeku.
2CH 9:10 Namooti Hiiraamii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa ka worqii biyya Ofiiriitii fidane, muka sandali'iitii fi dhakaa gatii guddo'oolle fidane.
2CH 9:11 Mootichi muka sandali'ii san irraa yaabbannoo Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa, faarsitootaafille kiraaraa fi maseenqoo hujisiise; wonni akkasii haga adhaatitti biyya Yihuda'aa keessatti dhaggantee hin beettu.
2CH 9:12 Mootichi Solomoon waan mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf fidde caalaa, waan isiin kadhattee fi waan gadhaan isi'ii yaade mara kenneef. Achiin duuba isiin namoota ifii woliin gara biyya Sheeba'aa deebite.
2CH 9:13 Mootichi Solomoon woggaa wogga'atti worqii kiiloogiraama kuma diddamii sadii dhaggataayyu.
2CH 9:14 Kana biratti daldaltooti gugurdo'oo fi daldaltooti dhibiin gibira isaaf fidane; moototi biyya Arabootaatii fi bulchitooti lafaa marti worqi'ii fi meetii Solomooniif fidane.
2CH 9:15 Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa hujisiise; wonteen worqi'ii tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaa ti.
2CH 9:16 Inni wontee didiqqoo dhibba sadille worqii irraa hujisiise; wonteen didiqqoon sun tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiloogiraama lamaa ti. Mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa ka, «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye.
2CH 9:17 Mootichi barcumaa mana mootumma'aa guddaa tokko ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe.
2CH 9:18 Barcumaan mana mootumma'aa sun yaabbannoo jaa fi faanoo miilaa ka barcumaa mootumma'aatiin wolitti qassiifamee worqii irraa hujame qabaayyu; cinaa isaa middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qabaayyu. Waan harka irra kiyatanu san gama lamaaniinuu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera.
2CH 9:19 Qaccee yaabbannoo jaa gubbaa gara lamaaniinuu fakkii neenqaa kudhanii lamaatitti dhaabbateera. Barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa dhibii takkattii keessalle'etti hujamee hin beeku.
2CH 9:20 Mey mootichi Solomoon ka itti unanu martinuu, mey mana mootumma'aa, «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru martinuu worqii qulluu irraa hujameera. Bara Solomoonii meetiin akka waan gatii qabuu waan hin laakkowaneef, wonni tokkolle ittiin hin hujanne.
2CH 9:21 Mootichi hoboloo gugurdoo biyya Tarshiishiititti deddeebi'aa daldalanu qabaayyu; hoboloota san ka oofu tajaajiltoota Hiiraamii ti; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, jaldeessaa fi qalamee biyya Tarshiishiitii fidaniiyyu.
2CH 9:22 Mootichi Solomoon qarumma'aa fi durumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu.
2CH 9:23 Moototi biyya lafaa martinuu qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, isa dhaggiisa halchane.
2CH 9:24 Worri isa bira dhufane martinuu meya meeti'ii fi worqii irraa hujame, woyaa, meya woraanaa, qumbii, uddowaa, fardoolee, gaangolee, wogguma wogga'aan woggaa bacaa isaaf fidane.
2CH 9:25 Solomoon gola fardoole'eetii fi garreettaa fardaan harkifamanuu kuma afurii fi abbootii fardoole'ee kuma kudhanii lama qabaayyu; inni isaan kana keessaa garii qachoota garreettaan fardaan harkifamanu keessa keyamanu keessa keyee, garii ifi bira Yerusaalem keessa keye.
2CH 9:26 Inni laga Efraaxiisiitii kaasee haga biyya Filisxeemotaa haga meessaa biyya Gibxi'iititti mootota mara irratti mootii te'e.
2CH 9:27 Mootichi Yerusaalem keessatti meetiin akka dhaka'aa akka bacattu, birbirsi akka muka harru'uu ka lafa gaaraa jalaa akka bacatu godhe.
2CH 9:28 Fardoolee biyya Gibxi'iitii fi ta lafa mara keessaa Solomooniif fidane.
2CH 9:29 Wonni mootichi Solomoon bara mootummaa ifii keessa huje ta dhibiin, jalqabaa haga dhumaatitti barreeffama Naataanii raagichaa, kitaaba raagaa ka Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitii fi mudhii Iddoon nami mudhii dhaggu marroo Yerobi'aamii ilma Nebaatii dhagge keessatti barreeffanteerti;
2CH 9:30 Solomoon Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama Israa'el mara irratti mootii te'e.
2CH 9:31 Achiin duuba Solomoon du'ee, qachaa Daawitii abbaa ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Rehobiyaam addee isaatitti mootii te'e.
2CH 10:1 Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaqaneef, Rehobiyaamille achi dhaqe.
2CH 10:2 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe.
2CH 10:3 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee,
2CH 10:4 «Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane.
2CH 10:5 Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedheen. Maarre kolbaan sun deebitee galte.
2CH 10:6 Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, jaarsolee dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate.
2CH 10:7 Isaan deebisanee, «Ati kolbaa tanaaf gadhaa laattee, isaan gammachiittee deebii dansaa yoo isaaniif deebitte, isaan yennaa mara si hin tajaajilan» jedhane.
2CH 10:8 Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate.
2CH 10:9 Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate.
2CH 10:10 Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi kiyya maandhich, hidha abbaa kiyyaa caala furdata.
2CH 10:11 Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhiin» jedhane.
2CH 10:12 Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane.
2CH 10:13 Rehobiyaamiin mootichi gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne.
2CH 10:14 Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana» jedheen.
2CH 10:15 Maarre wonni kun Waaqa irraa waan teeteef, mootichi dubbii kolba'aa hin dhageenne; wonni Waaqi karaa Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dubbate tanaan muummotte.
2CH 10:16 Mootichi akka isaaniif dhage'uu dide Israa'elooti yennaa dhaggane, «Nuuti Daawiti woliin qooda maan qanna? Maatii abbaa isaa Iseyii biraa dhaala maan qanna? Ee Israa'el gara dunkaanii teessanii deebi'a'a! Ee sanyii Daawitii mana keetiif yaad» jedhanee, mootichaaf deebii kennane. Maarre isaan marti gara dunkaanii ifii deebi'ane.
2CH 10:17 Rehobiyaam ammoo Israa'eloota biyya Yihuda'aa keessa le'anu qofa irratti mootii te'e.
2CH 10:18 Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu Adoraam gara Israa'elootaa erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Rehobiyaamiin mootichi ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii duraa baqate.
2CH 10:19 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa namoota sanyii Daawitii irratti finqila kaasanee hafane.
2CH 11:1 Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa dhufe, Israa'eloota lolanee gara mootummaa isaa akka deebisanuuf, gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminii keessaa loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate.
2CH 11:2 Jechi Mootii Waan Maraa ammoo gara Shemaa'iyaa raagichaa dhufee,
2CH 11:3 «Mooticha Yihuda'aa ilma Solomoonii Rehobiyaamii fi kolbaa gosa Yihuda'aatii fi Beniyaaminii maraan,
2CH 11:4 ‹Mootiin Waan Maraa: wonni te'e kun fedhii tiyya waan teeteef, obboleeyyan teessan loliisaaf ol hin bayina'a. Tokko tokkoon keessan gara mana keessanii deema'a! jedha› jedhiin» jedhe. Maarre isaan jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamanee, Yerobi'aamitti duuliisa lakkisanee deebia'anee galane.
2CH 11:5 Rehobiyaam Yerusaalem keessa tee'ee, diinota ifi irraa dhooggatiisaaf biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaarsise.
2CH 11:6 Qachooti inni ijaarsise sun Betlihem, Etaam, Teqo'aa,
2CH 11:7 Bet-Zuur, Sokoo, Adulaam,
2CH 11:8 Gaat, Maareshaa, Ziif,
2CH 11:9 Adoraayim, Laakiishi, Aazeqaa,
2CH 11:10 Zoraa, Ayalonii fi Kebroon. Qachooti dalleya dhaka'aa qabanu sun marti biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii keessatti ijaaramane.
2CH 11:11 Rehobiyaam dalleya dhaka'aa itti ijaarsisee, ajajjoota duulaa itti godhee, sagalee, Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii, achi keessatti tuulchise.
2CH 11:12 Inni wonte'ee fi eboo hedduulle qachoota san keessatti tuulchisee, akka isaan guddoo jabaatanu godhe. Maarre inni akkanaan biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii toowannaa ifii jala galfate.
2CH 11:13 Hayyootii fi Lewwooti kutaa biyya Israa'elii ta kaabaa mara keessa jiranu gara Rehobiyaamii dhufane.
2CH 11:14 Lewwooti hayyoota te'anee Mootii Waan Maraa akka hin tajaajille, Yerobi'aamii fi ilmaan isaa waan isaan dhoogganeef, addee horii ifii itti tiffatanuu fi qabeenna ifii lakkisanee gara Yihuda'aatii fi gara Yerusaalemii dhufane.
2CH 11:15 Yerobi'aam fakkii waaqota dharaa ta korbeeyyii re'ootaatii fi jiboota jabbile'ee hujee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa irra dhaabee, hayyoota ifii ta achi tajaajilanu filate.
2CH 11:16 Gosa Israa'elii mara keessaa worri gadhaa ifii tokkochaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii Israa'elii hordofuu barbaadu marti ciincaa ifii dhikeessiisaaf, Lewwoota hordofanee gara Yerusaalemii dhufane.
2CH 11:17 Isaan karaa Daawitii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa hordofanee, woggaa sadiif mootummaa Yihuda'aa jabeessanee, ilma Solomoonii Rehobiyaam qarqaarane.
2CH 11:18 Rehobiyaamiin kun intala Yeremootii ilma Daawitii Mahalaat fuudhe; haati isi'ii Abiihaayil intala Eliiyaabii ilma Iseyii ti.
2CH 11:19 Isiin ilmaan sad Ye'ush, Shemaariya'aa fi Zahaam isaaf deette.
2CH 11:20 Achiin duuba inni intala Abiishaalomii Ma'akaa fuudhe; isiin ilmaan afur Abiiyaa, Aataayi, Ziizaa fi Shelomiit isaaf deette.
2CH 11:21 Rehobiyaam niitolee ifiitii fi gursumeeyyii ifii mara caalaa, intala Abiishaalomii Ma'akaa jaalate; inni wolumatti niitolee kudhanii saddeetii fi gursumeeyyii jaatama, ilmaan diddamii saddeeti, ijoollee durraa jaatama qabaayyu.
2CH 11:22 Inni ilma ifii Abiiyaa ka Ma'akaa irraa uumate mootii godhiisa waan fedheef, ijoollee ifii ta dhibii mara irratti sooressa akka te'u isa file.
2CH 11:23 Rehobiyaam qarummaa ifiitiin ilmaan ifii garii kutaa biyya Yihuda'aa, taan kutaa biyya Beniyaaminii keessaa fi qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame keessa babadhatanee akka le'anu godhe; inni sagalee bacaa isaaniif kennee, niitolee hedduulle isaan fuusise.
2CH 12:1 Rehobiyaam mootummaa ifii akkuma jabeeffateen, innii fi kolbaan Israa'elii marti seera Mootii Waan Maraa lakkisane.
2CH 12:2 Isaan Mootii Waan Maraatiif addatamuu waan dhabaneef, Rehobiyaam mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, mootichi Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalemitti duule.
2CH 12:3 Inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatama, loltoota worra Liibiya'aa, loltoota worra Sukiimiitii fi worra Itoophiya'aa dabalatee, loltoota laakkossi isaanii hagana hin jedhanne fudhatee, biyya Gibxi'ii keessaa ka'ee dhufee,
2CH 12:4 qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu qabatee, haga Yerusaalemii dhufe.
2CH 12:5 Achiin duuba Shemaa'iyaan raagichi gara Rehobiyaamiitii fi gara sooreyyii biyya Yihuda'aa worra Shiishaaq duraa baqatee Yerusaalemitti wolitti qabameeruu dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin waan na lakkittaneef, anille harka Shiishaaqiititti isin lakkiseera› jedha» jedheen.
2CH 12:6 Mootichii fi Sooreyyiin Israa'elii gad ifi qabanee, «Wonni Mootiin Waan Maraa huju marti haqa» jedhane.
2CH 12:7 Mootiin Waan Maraa akka isaan gad ifi qabane yennaa dhagge, ammalle jecha ifii gara Shemaa'iya'aa ergee, «Isaan ana Mootii Waan Maraa duratti waan gad ifi qabaneef, ani dafee isaan hin baasa malee isaan hin balleessu. Aariin tiyya karaa Shiishaaqiitiin Yerusaalem irratti hin bobeettu.
2CH 12:8 Te'uu malee, isaan ana tajaajiliisii fi mootota biyya lafaa tajaajiliis garaagarummaa akka qabu akka beekanuuf, Shiishaaq isaan hin bulcha» jedhe.
2CH 12:9 Mootichi Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalem yennaa lole, qabeenna Galma Waaqaatii fi qabeenna mana mootumma'aa saame. Inni waan mara, wontee hedduu Solomoon worqi'iin hujisiiselle fudhate.
2CH 12:10 Maarre mootichi Rehobiyaam addee wontee fudhataneetitti sageettuu irraa wontee hujisiisee, harka qondaaltota eeddota karra mana mootumma'aatitti kenne.
2CH 12:11 Mootichi gara Galma Waaqaa yennaa dhaqu mara, eeddoti karra mana mootumma'aa wontee san qabatanee, isa woliin dhaqan; yennaa deebi'anu ammoo kolloo eeddotaa keessa keyan.
2CH 12:12 Rehobiyaam Mootii Waan Maraatiif waan ifi gad qabeef, aariin Mootii Waan Maraa ijjumaa isa hin balleessine. Biyya Yihuda'aa keessatti wonni dansaan teete.
2CH 12:13 Rehobiyaam Yerusaalem keessa mootii jabaa ifi tolfate. Inni yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessatti woggaa kudhanii torba mootii te'e. Yerusaalem qachoota Mootiin Waan Maraa qachoota lafa gosoota Israa'elii mara keessaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filate. Maqaan haadha Rehobiyaamii Na'aama'a; isiin intala nama biyya Amoonii ti.
2CH 12:14 Inni fedhii Mootii Waan Maraa waan hin barbaadiniif, waan hantuu huje.
2CH 12:15 Wonni Rehobiyaamiin mootichi bara mootummaa ifii keessa huje jalqabaa haga dhumaatitti, kitaaba dabarsii hidda dhalootaa ka Shemaa'iyaa raagichaatii fi kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo mudhii dhagguu keessatti galmeeffamee jiraa motii ree? Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara jiruu ifii mara wol lolane.
2CH 12:16 Rehobiyaam du'ee, addee awwaala moototaatitti qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Abiiyaan addee isaatitti mootii te'e.
2CH 13:1 Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e.
2CH 13:2 Inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Urii'elii nama qachaa Giibe'aa ti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wodhakka'atti lolli ka'eeraayyu.
2CH 13:3 Abiiyaan loltoota jajjaboo kuma dhibba afur filatee duule. Yerobi'aamille loltoota janna kuma dhibba saddeet filatee duule.
2CH 13:4 Achiin duuba Abiiyaan biyya koobittii Efreemii keessa gaara Zamaraayimii irra dhaabatee, «Ee Yerobi'aam, isin kolbaan Israa'elii martinuu na dhage'a'a!
2CH 13:5 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, Gondooroo sooddaa ta haga bara baraatiin, Daawitiif, sanyii isaatiifille, Israa'el irratti mootummaa akka kenne hin beettanuu ree?
2CH 13:6 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, tajaajilaan Solomoonii ilmi Daawitii, goottaa ifii irratti finqila kaase.
2CH 13:7 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam adoo inni daa'imaatuu, yennaa inni womaa godhiisa hin dandeennetti, namooti siyyaayye'ee fi boru-hinbeenneen isa marsanee mormane; ittille jabaatane.
2CH 13:8 Isin amma mootummaa Mootii Waan Maraa ta harka sanyii Daawitii keessa jirtuun mormiisaaf baatane; dhuguma isin bindilla'a; fakkii waaqota dharaa jabbilee worqi'ii ta Yerobi'aamiin mootichi isiniif hujisiiselle ifi biraa qaddan.
2CH 13:9 Isin tana maleelle ilmaan Aaronii hayyoota Mootii Waan Maraatii fi Lewwoota ariitanee, addee isaaniititti akkuma kolbaa lafa dhibi'ii, hayyoota ifiif godhattaneertanii motii ree? Nami hayyuu te'iisaaf jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee torba fidee dhufu, waaqota dharaatiif hayyuu te'a.
2CH 13:10 «Nu'uuf ammoo Mootiin Waan Mara Waaqa keenna; nuuti isa hin lakkinne. Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu sanyii Aaronii ti; Lewwooti isaan qarqaaran.
2CH 13:11 Isaan ganamaa fi galgala kennansa gubamuu fi hixaana fooleen isaa uddowu Mootii Waan Maraatiif dhikeessan; daabboo Waaqaaf kennantu xarapheessaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e san irra keyan; galgala galgalalle issaa waan issaa irra keyamu ka worqii irraa hujame irra jirulle hin qassiisan. Nuuti ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keennaa hin eeganna; isin ammoo isa lakkittaneertan.
2CH 13:12 Kunoo, Mootiin Waan Maraa nu woliin jira; inni nu sooressa; hayyooti isaa tultullaa afuufanee lola isinitti hin kaasan. Ee ilmaan Israa'elii, injifatuu waan hin dandeenneef, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii hin lolina'a» jedhe.
2CH 13:13 Yennuma san Yerobi'aam loltoota ifii keessaa gariin loltoota worra Yihuda'aatiin duubatti akka riphanuuf erge; loltooti hafane ammoo isa woliin loltoota Yihuda'aatiin wolitti fulla'anee akka lolanu godhe.
2CH 13:14 Worri Yihuda'aa garagalee adaala ifii yennaa ilaalanu, duraa fi duubaan akka marfamaneeranu dhaggane. Achiin duuba akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyane. Hayyooti tultullaa afuufane.
2CH 13:15 Namooti Yihuda'aalle qoonqoo ol qabatanee iyyane; yennaa isaan iyyane Mootiin Waan Maraa Abiiya'aa fi namoota Yihuda'aa duratti, Yerobi'aamii fi Israa'eloota mara injifate.
2CH 13:16 Waaqi harka worra Yihuda'aatitti Israa'eloota dabarsee waan kenneef, isaan Yihudoota duraa baqatane.
2CH 13:17 Abiiya'aa fi loltooti isaa lolanee akka malee waan miidhaneef, loltoota Israa'elii keessaa loltoota jajjaba kuma dhibba shan fixane.
2CH 13:18 Namooti Israa'elii yennaa san guddoo qaanowane; namooti Yihuda'aa ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan addataneef injifatane.
2CH 13:19 Abiiyaan Yerobi'aam ari'ee qachoota Bet'el, Yeshaana'aa fi Efron, olloota qachoota san cinaa jiranu woliin isa irraa fudhate.
2CH 13:20 Bara Abiiya'aa keessa Yerobi'aam deebi'ee hunna bulchiisaa hin dhagganne. Dhuma irratti Mootiin Waan Maraa balaa itti buusee, inni du'e.
2CH 13:21 Abiiyaan ammoo irra caala hunna dhaggataa ideeme; inni niitolee kudhanii afur fuudhee, ilmaan diddamii lamaa fi ijoollee durraa kudhanii jaa uumate.
2CH 13:22 Wonni dhibiin ta Abiiyaan bara mootummaa ifii hujee fi wonni inni jedhe marti, kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo raagichaa keessatti barreeffanteerti.
2CH 14:1 Abiiyaan mootichi du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan addee isaatitti mootii te'e; bara mootummaa isaa biyyi woggaa kudhan nageya dhaggatte.
2CH 14:2 Aasaan waan dansa'aa fi sirrii te'e fuula Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti huje.
2CH 14:3 Inni addee ciinca'aatii fi addee waaqonfanna'aa ta waaqota ormaa diigee, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu butuchee, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjisse.
2CH 14:4 Namooti Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii akka barbaadanu, seeraa fi ajaja isaalle akka eegatanu ajaje.
2CH 14:5 Inni ammalle addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi addee ciinca'aa ta waaqota dharaatiif hixaana irratti aarsanu ta qachoota Yihuda'aa mara keessaa balleesse. Bara bulchiisa isaa mootummaan nageya dhaggatte.
2CH 14:6 Biyyi nageya waan qabaatteef, inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaare. Mootiin Waan Maraa foora waan isaa kenneef, bara san keessa woraanni isatti hin kaane.
2CH 14:7 Inni namoota Yihuda'aatiin, «Biyyi tun harka keenna jala waan jirtuuf, kowa'a, qachoota kana ijaarree, dalleya xelleephoo qabu itti naannessinee, karra itti baafannee, danqaraa itti goona. Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan barbaanneef, inni karaa maraan foora nuu kenneera» jedhe. Maarre isaan ijaarane; isaaniif milkootte.
2CH 14:8 Aasaan mootichi, Yihudaa keessaa loltoota kuma dhibba sad ta wontee gugurdo'oo fi eboo qabanu, gosa Beniyaamin keessalle'ee loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ta wontee didiqqo'oo fi daaya qabanu qabaayyu. Loltooti sun marti loltoota jajjaba dandeettii qabanu.
2CH 14:9 Nami biyya Itoophiya'aa Zeraan loltoota miliyoona tokkoo fi garreettaa fardaan harkifamu dhibba sadiin isaanitti duuliisaaf bayee haga Maareshaa dhufe.
2CH 14:10 Aasaan isa loliisaaf gad baye; isaan dhooqa Zefaata'aa ta Maaresha'atti dhikoo jirtu keessatti wol loliisaaf addee qabatane.
2CH 14:11 Achiin duuba Aasaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waammatee, «Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keeti worra dadhabaa qarqaaree, worra hunnaameyyii jalaa baasuu dande'u hin jiru. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, nuuti si addannee maqaa keetiin loltoota bindillaa tana loliisaaf baaneerraa, ati nu qarqaar. Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa keenna; nami tokkolle si hin injifatin» jedhe.
2CH 14:12 Maarre Mootiin Waan Maraa fuula Aasaa mootichaatii fi worra Yihuda'aa duraa worri Itoophiya'aa akka injifatamanu godhe; isaanille baqatane.
2CH 14:13 Aasa'aa fi loltooti isaa haga Geraariititti isaan ari'ane; gaafas loltoota Itoophiya'aa keessaa hedduun waan dhumataneef, worri hafe jabaatiisa hin dandeenne; isaan Mootii Waan Maraatii fi loltoota isaa duratti waan bututaneef, loltooti Yihuda'aa boojuu bacaa dhaggatane.
2CH 14:14 Mootiin Waan Maraa namoota qachoota adaala Geraarii jiranu mara waan bararasseef, loltooti Yihuda'aa qachoota adaala sanii mara injifatane. Isaan qachoota san mara saamanee, boojuu bacaa guuratane.
2CH 14:15 Isaan moonaa hori'ii diiganee hoolee, re'ootaa fi gaala hedduu booji'anee, gara Yerusaalemii deebi'ane.
2CH 15:1 Ayyaanni Waaqaa ilma Odeedii Azaariyaa irratti dhufe.
2CH 15:2 Azaariyaan gara Aasaa mootichaa dhaqee, «Aasaa, isinille namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti na dhage'a'a! Yoo isin Mootii Waan Maraa woliin jiraattane, innille isin woliin hin jiraata. Yoo isa barbaaddane, innille isiniif hin dhaggama; yoo isa lakkittane ammoo, innille isin hin lakkisa.
2CH 15:3 Israa'elooti bara hedduu Waaqa dhuga'aa malee, hayyuu isaan barsiisu malee, seera malee le'ane.
2CH 15:4 Isaan yennaa rakkatane gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebi'anee, isa barbaadane; innille isaaniif dhaggame.
2CH 15:5 Bara san worri biyya lafaa irra le'u marti raafama guddaa keessa waan jiruuf, nami nageyaan bayee, nageyaan galulle hin jiruuyyu.
2CH 15:6 Waaqi badii gara garaatiin waan isaan rakkiseef, gosi biyya takkaa gosa biyya taanii balleessitee, qachaan tokko qachaa kaan balleesse.
2CH 15:7 Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha'a, hin dadhabina'a» jedhe.
2CH 15:8 Aasaan raaga ilmi Odeedii Azaariyaan raage akkuma dhage'een jajjabaate; inni waaqota dharaa diqachiisaa lafa Yihuda'aa maraa fi lafa Beniyaaminii mara keessaa, qachoota biyya koobitti'ii ta Efreem qabate keessaalle'ee balleesse; addee ciinca'aa ta soroo Galma Mootii Waan Maraa dura jirtulle haaresse.
2CH 15:9 Mootiin Waan Maraa Waaqi Aasaa woliin akka jiru dhageettee, kolbaan bindillaan lafa Israa'elii mara keessaa gara isaa waan hiixxeef, inni namoota Yihuda'aa, namoota biyya Beniyaaminii, ka biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee, ka kutaa biyya Shimi'oon keessaa dhufane mara wolitti qabe.
2CH 15:10 Isaan, Aasaan mootii te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, woggaa san ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wolitti qabamane.
2CH 15:11 Boojuu guyyaa san fidane keessaa loon dhibba torba, hoolee kuma torba Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane.
2CH 15:12 Isaan gadhaa tokkochaa fi qalbii takkatti'iin, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii barbaadatiisaaf Gondooroo godhanee,
2CH 15:13 isaan keessaa nami diqqaan yookiin guddaan, dhiirti yookiin dubartiin ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin waaqonfanne akka ijjeefamu godhane.
2CH 15:14 Isaan tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufanee, qoonqoo ifii ol qabatanee ililleetti'iin Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatane.
2CH 15:15 Namooti biyya Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan waan kakataneef, marroo kakuu saniitiif gammadaan firinxiixane. Isaan qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaadaneef, inni dhaggameef; karaa maralle'een isaan foorfachiise.
2CH 15:16 Aasaan mootichi akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedrooniititti gube.
2CH 15:17 Aasaan addee waaqonfanna'aa ta Israa'el keessaa duudi'iiyyuu diiguu dhabulle, bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif ifi kenne.
2CH 15:18 Inni meya adda addaa, meeti'ii fi worqii ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf adda baasane fidee, Galma Waaqaa keessa keye.
2CH 15:19 Aasaan mootii te'ee haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti lolli dhibiin hin kaane.
2CH 16:1 Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii jayeesso'ootitti, mootiin Israa'elii Baashaan Yihuda'atti duule; karaa saniin nami gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu jalqabe.
2CH 16:2 Achiin duuba Aasaan addee qabeenni Galma Waaqaatii fi qabeenni mana mootumma'aa ka isaa jiru keessaa meeti'ii fi worqii fuudhee, mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaad ka Damaasqoo keessa tee'ee bulchuuf ergee,
2CH 16:3 «Akkuma abbaa keetii fi abbaa kiyya wodhakkaa Gondooroon jirtu, anaa fi si wodhakkaalle Gondooroon jiraattuu ti. Kunoo, ani meeti'ii fi worqii sii ergeera. Akka inni na irraa deebi'uuf Gondooroo mooticha Israa'elii Baashaan woliin qaddu san diigi» jedhe.
2CH 16:4 Ben-Hadaadille Aasaa mootichaaf tole jedhee, ajajjoota loltoota ifii gara qachoota Israa'elii erge; isaan Iyoon, Daan, Abeel-Maayimii fi qachoota mey itti kuufamu ka biyya Niftaalemii keessaa mara qabatane.
2CH 16:5 Baashaan tana yennaa dhage'e, dalleya dhaka'aa ka qachaa Raama'atitti ijaaruu jalqabe san lakkisee, hujii ifii dhaabbachiise.
2CH 16:6 Achiin duuba Aasaan mootichi namoota Yihuda'aa mara fidee, dhaka'aa fi muka Baashaan ittiin dalleya dhaka'aa ka Raama'atti ijaaruu jalqabe san fudhatee, dalleya dhaka'aa Geba'aa fi Miispha'atti ijaare.
2CH 16:7 Yennaa Haanaaniin mudhii dhaggu gara Aasaa mooticha Yihuda'aa dhufee, «Ati mootii Sooriya'aatitti ciqilfattee, Mootii Waan Maraa Waaqa keetitti ciqilfatuu waan dhaddeef, loltooti Israa'elii si jalaa miliqaneeran.
2CH 16:8 Loltooti Itoophiya'aatii fi loltooti Liibiya'aa loltoota bindillaa hunnaameyyii garreettaa fardaan harkifamu heddu'uu fi abbootii fardaa heddu'uun lolanuu motiiyyuu? Te'uu malee, ati Mootii Waan Maraatitti waan ciqilfatteef, inni harka keetitti dabarsee isaan kenne.
2CH 16:9 Worra gadhaa tokkochaan isatti ciqilfatuuf, qarqaarsa jabaa kenniisaaf, ilti Mootii Waan Maraa biyya lafaa duudii hin ilaalti. Ati waan kana gowwumma'aan hujje; tanaaf haganaa achi woraanni sitti hin ka'a» jedhe.
2CH 16:10 Wonni kun Aasaa waan aarsiteef, inni ka mudhii dhaggu san mana hidha'aatitti galchee, miila isaa jirma lama oddu'utti hiisise; bara san Aasaan akkasuma kolbaa ifii keessalle'ee namoota tokko tokko farrisiise.
2CH 16:11 Wonni Aasaan bara bulchiinsa ifii huje, jalqabaa haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2CH 16:12 Aasaan mootii te'ee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti dhukkuba miilaatiin qabame; dhukkubi sun ittuma jabaataa deemulle, inni cidheeyyii qofa barbaadate malee, qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin barbaanne.
2CH 16:13 Achiin duuba Aasaan motii te'ee woggaa afurtamii tokkeesso'ootitti du'e.
2CH 16:14 Isaan addee awwaalaa ta inni ifiif qachaa Daawitii keessatti qopheeffate keessatti isa awwaalane. Isaan taqee uddowaa adda addaatii fi fiqire'een uddeeffante irra isa irkisane. Isaan ulfinna isaatiif ibidda guddaa goolane.
2CH 17:1 Ilmi isaa Yoshaafaax addee Aasaa abbaa ifiititti mootii te'ee, Israa'el loliisaaf ifi jabeeffate.
2CH 17:2 Inni qachaa biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara keessa loltoota keye. Lafa Yihuda'aa keessa qachaa Efreemii ka abbaan isaa Aasaan qabate mara keessalle waardiyoota ifii keye.
2CH 17:3 Yoshaafaax akkuma abbaan abbootii isaa ta durii Daawiti jalqaba mootummaa ifiititti deddeebi'e waan deddeebi'eef, Mootiin Waan Maraa isa woliin jiraate; inni Ba'aal hin barbaanne.
2CH 17:4 Inni Waaqa abbaa ifii barbaadatee, ajaja isaa hordofe malee, akka mootota Israa'elii ta isaan qaraa hin deddeebine.
2CH 17:5 Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootummaa Yoshaafaaxii ta Yihuda'aa harka isaatitti jabeesse. Namooti Yihuda'aa marti kennansa adda addaa isaaf fidanee, inni durumma'aa fi ulfinna guddaa dhaggate.
2CH 17:6 Gadhaan isaa Mootii Waan Maraatiif ajajamiisaaf jajjabaatee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu biyya Yihuda'aa keessaa balleesse.
2CH 17:7 Yoshaafaax mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti qachoota biyya Yihuda'aa keessatti akka barsiisanuuf qondaaltota ifii keessaa Ben-Haayil, Obaadiyaa, Zakaariyaas, Naataani'elii fi Miikiyaas erge.
2CH 17:8 Isaan Woliin Lewwoota keessaa: Shemaa'iyaa, Netaaniyaa, Zebaadiyaa, Asaa'el, Shemiiraamoot, Yonaataan, Adoniyaa, Tobiiya'aa fi Tob-Adoniyaa, hayyoota keessaalle'ee Elshaama'aa fi Yehoraam erge.
2CH 17:9 Isaan Kitaaba Seera Mootii Waan Maraa fuudhanee dhaqanee, qachoota Yihuda'aa keessatti kolbaa barsiisane. Isaan qachoota Yihuda'aa mara keessa deemanee odduu kolba'aatitti barsiisane.
2CH 17:10 Gosi biyya adda addaa ta adaala biyya Yihuda'aa jirtu Mootii Waan Maraa waan sodaatteef, Yoshaafaax irratti lola kaasuu hin barbaanne.
2CH 17:11 Worri Filisxeemotaa gariin Yoshaafaaxii mootichaaf kennansa hedduu fidanee, meetiille gabbarane; worri Arabaalle korbeeyyii hoole'ee kuma torbaa fi dhibba torba, korbeeyyii re'e'ee kuma torbaa fi dhibba torba fidanee isaaf kennane.
2CH 17:12 Yoshaafaax ittuma guddataa, jabaataalle ideeme. Inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanuu fi qachaa gootaraa midhaaniitii fi meya adda addaa itti galchanu ijaare.
2CH 17:13 Inni qachaa biyya Yihuda'aa keessatti sagalee bacaa tuulchisiise; loltoota jajjaboolle qachaa Yerusaalemii keessa keye.
2CH 17:14 Laakkossi isaanii akka maatii maatii isaaniititti asii gad jiran: Yihudaa keessaa ajajaan kumaa Adina'a; inni loltoota jajjaba kuma dhibba sad ka ajaju.
2CH 17:15 Isatti aanee Yohaannaan ajajaan loltootaa, loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ka ajaju.
2CH 17:16 Isatti aanee ajajaan loltootaa Amaasiyaan ilmi Ziikrii, ka Mootii Waan Maraatiif tajaajiliisaaf fedha qabu, loltoota jajjaba kuma dhibba lama ka ajaju.
2CH 17:17 Gosa Beniyaaminii keessaa Eliyaadaan, loltichi janni loltoota kuma dhibba lama worra guube'ee fi wonte'een lolu ka ajaju.
2CH 17:18 Isatti aanee Yehozaabaad loltoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama lolaaf qophowane ka ajaju.
2CH 17:19 Isaan kun worra mootichi biyya Yihuda'aa keessaa qachoota dalleya dhaka'aa qabanu mara akka eeganuuf keessa keye adoo hin dabalatin worra qofitti isa tajaajilane.
2CH 18:1 Yoshaafaaxiin mootichi guddoo duroomee, ulfinna guddaalle yennaa dhaggate, fuudhaa fi heerumaan Ahaabii mooticha woliin firoome.
2CH 18:2 Inni woggoota diqqo'oon duuba Ahaab dubbisu'uuf gara qachaa Samaariya'aatitti yennaa gad bu'e, Ahaab loon heddu'uu fi hoolee hedduu isaa fi namoota isaatiif qalchiisee, akka inni qachaa Raamoot-Giili'aadii loluuf dhugeeffachiise.
2CH 18:3 Mootichi Israa'elii Ahaab, «Ati na woliin Raamoot-Giili'aad loliisaaf hin dhaxxaa?» jedhee, mooticha Yihuda'aa Yoshaafaax gaafate; Yoshaafaax deebisee, «Ani akkuma keeti; kolbaan tiyyalle akkuma kolbaa teetii ti; nuuti si woliin dhandhee hin lolla» jedheen.
2CH 18:4 Yoshaafaaxille mooticha Israa'eliitiin, «Qara, waan Mootiin Waan Maraa jedhu gaafadhu» jedhe.
2CH 18:5 Achiin duuba mootichi Israa'elii Ahaab raagota dhibba afur wolitti qabee, «Raamoot-Giili'aad dhandhee lolla moo yookiin ani hafu woyya?» jedhee gaafate; isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa qachaa san harka keetitti dabarsee waan kennuuf, dhaqii loli» jedhane.
2CH 18:6 Yoshaafaax ammoo, «Isaan kana malee ka nuuti gaafannu raagaan Mootii Waan Maraa ka dhibiin as hin jiruu ree?» jedhe.
2CH 18:7 Mootichi Israa'eliille Yoshaafaaxiin, «Nami nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafatuu dandeennu ka dhibiin tokkolle hin jira; garuu inni marroo tiyya yennaa mara ijjumaa waan hantuu malee, waan dansaa raaga waan hin dubbanneef, ani isa hin jibba; innille ilma Iimla'aa Miikiyaas» jedhee Yoshaafaaxiif deebise. Yoshaafaaxille, «Ee mooticha! Ati dubbii akkasii hin dubbatin!» jedhe.
2CH 18:8 Achiin duuba mootichi Israa'elii qondaaltota keessaa tokko waamee, «Dhaqiitii, ilma Iimla'aa Miikiyaas ariiti'iin fidi!» jedhee ajaje.
2CH 18:9 Mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax woyaa mootumma'aa ta ifii uffatanee karra qachaa Samaariya'aa dura eeddummee keessa barcumaa mootumma'aa ta ifii irra tee'anee, raagoti martinuu isaan duratti raaga raagane.
2CH 18:10 Raagota san keessaa ilmi Kine'aanaa Zedeqiiyaan sibiila akka gaafaa hujatee, Ahaabiin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worra Sooriya'aa haga lafa irraa balleessitutti, gaafota kanaan isaan hin woraanta› jedha» jedhe.
2CH 18:11 Raagoti worri kuun martinuu raaganee, «Raamoot-Giili'aaditti ol bayiitii loli! Hin injifatta. Mootiin Waan Maraa dabarsee harka keetitti kenna» jedhanee raaga dubbatane.
2CH 18:12 Namichi akka Miikiyaas waamuuf ergamee dhaqe sun, «Kunoo, raagoti martinuu afaan tokkochaan marroo mootichaa waan dansaa dubbataneeran; maganne'e atille akkuma isaanii waan dansaa itti dubbadhu» jedheen.
2CH 18:13 Miikiyaas ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Waanuma Waaqi kiyya natti dubbate qofa hin dubbadha» jedhe.
2CH 18:14 Raagichi gara mootichaa yennaa dhufe, mootichi, «Miikiyaas, Raamoot-Giili'aaditti hin duulla moo yookiin hin lakkinna?» jedhee gaafate; raagichille deebisee, «Qachaan sun dabarfamee harka keetitti waan kennamuuf, hin injifattaatii ol bayii loli» jedheen.
2CH 18:15 Mootichi ammoo isaan, «Waan dhugaa te'e malee, waan dhibii maqaa Mootii Waan Maraatiin akka natti hin dubbanneef, ani yennaa meeqa si kakachiisuu na barbaachisa ree?» jedheen.
2CH 18:16 Miikiyaasille deebisee, «Loltooti Israa'elii marti akka hoolota tissee hin qannee koobota irra bittinnootteertuun dhagge; Mootiin Waan Maraalle, ‹Isaan kun sooressitoota waan hin qanneef, nageyaan gara mana ifii deebi'anuutii gad lakkis› anaan jedheera» jedhe.
2CH 18:17 Mootiin Israa'elii Yoshaafaaxiin, «Namichi kun marroo tiyya waan hantuu malee, waan dansaa raaga akka hin dubbanne ani sitti hin hinnee ree?» jedhe.
2CH 18:18 Miikiyaasille itti dabalee, «Waan Mootiin Waan Maraa dubbatu dhage'i; ani Mootiin Waan Maraa barcumaa mootumma'aa ka ifii irra tee'eeruun, ergantooti isaa middaa fi bitaa isaa dhaabbateertuun dhagge.
2CH 18:19 Mootiin Waan Maraa, ‹Mootichi Israa'elii Ahaab dhaqee Raamoot-Giili'aad akka loluuf, achitti akka ijjeefamuufille eentu isa gowwoonsa ree?› jedhe; tokko waan tokko kuun waan dhibii jedhe.
2CH 18:20 Achiin duuba Ayyaanni tokko gara duraa dhufee, Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, ‹Ani isa hin gowwoonsa› jedhe; Mootiin Waan Maraa isaan, ‹Maaniin isa gowwoonsita?› jedhee gaafate.
2CH 18:21 Ayyaanni sun, ‹Ani dhaqee ayyaana dharaan raagota Ahaabii mara raaga dharaa dubbachiisu hin te'a› jedhe. Mootiin Waan Maraalle, ‹Ee, sii hin milkoottii, dhaqiitii tolchi!› jedheen.
2CH 18:22 Tanaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa afaan raagota teeti tanaa keessa ayyaana dharaa keyeera. Marroo teeti balaa dubbateera» jedhe.
2CH 18:23 Achiin duuba ilmi Kine'aana'aa Zedeqiiyaan gara Miikiyaasii dhaqee boqoo isaa keessa kabalee, «Ayyaanni Mootii Waan Maraa kun karaa kamiin na bira dabaree sitti dubbate?» jedhee isa gaafate.
2CH 18:24 Miikiyaasille deebisee, «Kunoo, gaafa dhokatiisaaf kolloo gara keessaa seente hin dhaggita» jedheen.
2CH 18:25 Mootiin Israa'elii Ahaab, «Miikiyaas qaba'aatii gara Amoonii bulchaa qacha'aatii fi gara Yo'aasii ilma mootichaa geessa'a!
2CH 18:26 Isaaniin, ‹Mootichi: Nama kana hidha'a! Haga ani nageyaan deebi'utti sagale'ee fi bisaan malee, waan dhibii itti hin kennina'a jedheera› jedha'aan» jedhe.
2CH 18:27 Miikiyaas deebisee, «Yoo ati nageyaan deebite, Mootiin Waan Maraa natti hin dubbanne» jedhe. Inni itti dabalee, «Kolbaan tun marti, dhage'a'a!» jedhe.
2CH 18:28 Achiin duuba mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax Raamoot-Giili'aaditti duulane.
2CH 18:29 Mootiin Israa'elii Yoshaafaaxiin, «Eennulle akka na hin beenneef, woyaa dhibii uffadhee duula hin dhaqa; ati ammoo woyaa teeti ta mootumma'aa uffadhu» jedhe. Tanaaf mootichi Israa'elii Ahaab eennulle akka isa hin beenneef woyaa dhibii uffatee duule.
2CH 18:30 Yennaa san mootiin Sooriya'aa ajajjoota loltootaa worra garreettaa fardaan harkifamuutiin, «Mootii Israa'elii qofa malee, nama tokkolle hin lolina'a!» jedhe.
2CH 18:31 Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun, akkuma Yoshaafaax dhaggiteen, «Kun mootii Israa'elii ti» jedhane. Maarre isaan isa loliisaaf itti garagalane. Yoshaafaaxille qoonqoo ol qabatee iyyee, Mootiin Waan Maraalle isa qarqaare; Waaqi jara san irraa deebise.
2CH 18:32 Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun akka inni mootii Israa'elii hin te'in yennaa dhaggane, isa ari'iisa lakkisanee biraa deebi'ane.
2CH 18:33 Isaan keessaa namichi tokko duuchi-balleessii daaya ifii darbatee, uffana sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru wodhakka'aan woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba deebisiitii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje
2CH 18:34 Gaafa san lolli o'ee, Ahaabiin mootichi gara worra Sooriya'aa fuula galee garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessa itti irkatee dhaabbate; inni galgaluma san du'e.
2CH 19:1 Mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax nageyaan gara mana mootummaa ifii Yerusaalemitti deebi'e.
2CH 19:2 Ilmi Haanaanii Yehuun ka mudhii dhaggu Yoshaafaax fudhatiisaaf gad bayee, Yoshaafaaxii mootichaan, «Ati maaniif nama hamaa qarqaarte? Maaniif nama Mootii Waan Maraa jibbu jaalatte? Sababa kanaaf mufiin Mootii Waan Maraa sitti hin dhutti.
2CH 19:3 Te'uu malee, ati utuboota waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu waan balleessiteef, qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaaddeef, wonni dansaan si keessa hin jirti» jedheen.
2CH 19:4 Yoshaafaax Yerusaalem keessa le'ee, Bersheeba'aa haga biyya koobittii Efreemii odduu kolba'aa bayee dhaqee, yaada kolba'aa gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii isaanii deebise.
2CH 19:5 Tana maleelle inni qachoota biyya Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu maraaf abbootii mura'aa filee,
2CH 19:6 abbootii mura'aa saniin, «Isin Mootii Waan Maraatiif malee, namaaf waan hin hunyeef, waan hujjanu hubadha'aatii huja'a. Muraa kenniisa irratti inni isin woliin jira.
2CH 19:7 Ammalle Mootii Waan Maraa sodaatiis isin bira jiraattuu ti. Haqa balleessuun yookiin nama wol caalchisuun yookiin safuu fudhachuun Mootii Waan Maraa Waaqa keenna bira waan hin jirreef, waan hujjanu maraaf ifi eegadha'a» jedhe.
2CH 19:8 Yoshaafaax worra Lewwootaatii fi worra hayyootaa keessaa, sooreyyii maatii Israa'elii keessalle'ee nama garii maqaa Mootii Waan Maraatiin haajaa moroma'aa murteessiisaaf muraa akka kennanu Yerusaalem keessalle'etti file. Isaan Yerusaalem keessa le'ane.
2CH 19:9 Inni qajeelfama isaanii kennee, «Isin Mootii Waan Maraa sodaatiisaan, addatamumma'aan, gadhaa tokkochaan hujadha'a.
2CH 19:10 Obboleeyyan teessan worra qachaa keessa le'u keessaa haajaa marroo dhiiga dhangalaasiisaa, marroo seera yookiin ajaja diigiisaa, marroo seerata yookiin qajeelfama diigiisaa yennaa isinitti dhikeeffatanu mara akka isaan Mootii Waan Maraa duratti hin yakkine, isaan ifi eeggachiisa'a; yoo akkas hin te'in mufiin isinii fi obboleeyyan teessan irratti hin dhutti. Isin yoo tana gootane yakkaameyyii hin teetanu.
2CH 19:11 Kunoo, waan Mootii Waan Maraa duudii ilaalchisee Amaariyaan hayyichi sooressi, waan mootichaa mara ilaalchisee ilmi Ishimaa'elii Zabaadiyaan, sooressi gosa Yihuda'aa isin irratti abbootii mura'aa te'aneeran. Worri Lewwootaalle sooreyyii te'anee isin tajaajilan. Mootiin Waan Maraa worra waan dansaa hujatu woliin jiraatii, jajjabaadha'aatii huja'a» jedhe.
2CH 20:1 Tanaan duuba Mo'aabotii fi Amoonoti, isaan woliin worra Me'unootaa keessalle'ee gariin Yoshaafaax loliisaaf dhufane.
2CH 20:2 Jarri takka gara Yoshaafaaxii dhufanee, «Loltooti guddoon bindillaan Edoom irraa, abbaaya'aan gamaa si loliisaaf dhufiisatti jiran; kunoo, isaan amma Haazezon-Taamaar ta ‹En-Gedii› jedhantu geyaneeran» jedhane.
2CH 20:3 Achiin duuba Yoshaafaaxiin mootichi sodaatee Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf murteeffatee, lafa Yihuda'aa mara keessatti akka laamanu ajaja baase.
2CH 20:4 Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa qarqaarsa gaafatiisaaf, qachoota lafa Yihuda'aa mara keessaa wolitti qabamane.
2CH 20:5 Yoshaafaax wol geyii kolbaa Yihuda'aa keessaa namoota Yerusaalemii odduu Galma Mootii Waan Maraa keessa badhinna dalleya keessaa haareya keessa dhaabbatee,
2CH 20:6 «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa abbootii teennaa, ati Waaqa ol-gubba'aatii motii ree? Ati mootummoota gosa biyya adda addaa mara bulchita. Hunnii fi jabeenni harka keeti keessa jiran. Ka si ifi irraa dhooggatuu dande'u hin jiru.
2CH 20:7 Ee Waaqa keenna, ati worra lafa tana keessa le'anu kolbaa teeti Israa'el duraa ariitee baattee, sanyii jaala keeti Abrahaamiitiif haga bara baraa akka keessa le'anuuf hin kenninee ree?
2CH 20:8 Isaanille lafa san keessa le'anee achitti ulfinna maqaa keetiitiif Galma ijaaranee,
2CH 20:9 ‹Balaan yookiin shallaagaan yookiin muraan yookiin dhukkubi yookiin beelli yoo nutti dhufanu, Galma keeti kana duratti fuula keeti dura dhaabbannee, maqaan keeti Galma kana keessa waan jiruuf, farra teenna iyyinee sitti himanna; atille hi dhageetta; farra san jalalle'ee nu hin baatta› jedhane.
2CH 20:10 Amma kunoo, worri Amooniitii fi Mo'aabii, worri gaara Se'iiriille, ka ati kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baatu lafa isaanii akka hin lolle dhoogginaan, loluu lakkisanee irraa goranee dabarane amma dhufiisatti jiran.
2CH 20:11 Kunoo, isaan lafa ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu ari'iisaan gatii nuu kenniisaaf dhufaneeran.
2CH 20:12 Ee Waaqa keenna, ati isaanitti hin murtuu ree? Nuuti loltoota bacaa nu loliisaaf dhufiisatti jirtu tana loliisaaf hunna hin qannu. Waan goonulle hin beennu; ammoo ilti teenna gara keeti ilaalti» jedhe.
2CH 20:13 Yennaa san worri Yihuda'aa marti daa'immaan didiqqoo ifii, niitolee ifiitii fi ijoollee ifii woliin fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbatane.
2CH 20:14 Gaafas Ayyaanni Mootii Waan Maraa wolde'a gumi'ii san oddu'utti sanyii Lewwi'ii keessaa ilma Zakaariyaasii Yahaazi'elitti dhufe; Zakaariyaas ilma Benaayaa ti; Benaayaan ilma Yaa'iilii ti; Yaa'iil ilma Mataaniyaa sanyii Asaafii ti.
2CH 20:15 Inni, «Isin worri Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu martinuu, atille Yoshaafaaxii mooticha caqasa'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Lolli kun ka Waaqaa ti malee, keessanii motii, isin loltoota guddoo bindillaa tana dhaggitanee sodaattanee hin rifatina'a.
2CH 20:16 Boru gad bu'a'aatii isaan lola'a! Kunoo, isaan goodda Ziizii ol bayanee dhufan; dhuma dhooqa fuullee Yeru'elii lafa goomole'eetitti isaan hin dhaggitan.
2CH 20:17 Isin lola kana keessa loluu hin barbaachisu. Addee qabadha'aa, jabaadha'aa dhaabbadha'aatii, baasiisa Mootiin Waan Maraa akka isin baasu ilaala'a! Isin ee worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalemii! Hin sodaatina'a, hin rifatinaalle'e! Mootiin Waan Maraa isin woliin waan jiruuf, boru baya'aa deema'aatii isaan lola'a› jedha» jedhe.
2CH 20:18 Achiin duuba Yoshaafaax adda ifiitiin lafatti gad gombifamee, worri Yihuda'aa ka Yerusaalem keessa le'anu marti Mootii Waan Maraa duratti gad jiganee waaqonfatane.
2CH 20:19 Lewwooti worri sanyii Qehaatotaatii fi sanyii Qoraahotaalle ka'anee qoonqoo ol qabatanee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii leellifatane.
2CH 20:20 Barii ganama gara goomolee Teqo'a'aa dhaqiisaaf yennaa isaan ka'ane, Yoshaafaax ka'ee dhaabbatee, «Isin worri Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu na dhage'a'a! Isin hin milkoottanii, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhugeeffadha'a! Waan raagoti isaa dubbatanulle dhugeeffadha'a!» jedhe.
2CH 20:21 Inni kolbaa woliin mari'atee faarfattoota loltoota dura deemaa, «Mootii Waan Maraa galateessa'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhaa faarfataa woyyummaa Mootii Waan Maraa leellisanu filee dhaabe.
2CH 20:22 Yennaa isaan faarfataa leellisiisa jalqabane, Mootiin Waan Maraa worra Yihudaa loliisa dhufane worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra gaara Se'iiriititti riphee lolu itti fidee akka isaan injifatamanu godhe.
2CH 20:23 Worri Amooniitii fi worri Mo'aabii worra gaara Se'iiriitii dhufe lolanee fixane; isaan worra gaara Se'iirii balleessaneen duuba wolittuu garagalanee wol balleessane.
2CH 20:24 Worri Yihudootaa addee irra dhaabbatanee lafa goomole'ee gad dhagganu geyanee, loltoota guddoo bindillaa san yennaa ilaalanu reeffa qofa lafatti dhaggane; loltoota san keessaa nami miliqee hafe tokkolle hin jiru.
2CH 20:25 Yoshaafaaxii fi kolbaan isaa boojuu guuratiisaaf yennaa dhufane, odduu reeffa isaaniitii meya adda addaa, woya'aa fi meya gatii guddo'oo bacaa dhagganee, haga ba'atuu dadhabanutti guuratane; mey sun bacaa waan te'eef, isaan meya san mara wolitti qabatiisaaf guyyaa sad irraa fudhate.
2CH 20:26 Guyyaa arfeesso'oo dhooqa eebbaa, addee Mootii Waan Maraa itti leellifatanetti wolitti qabamane. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Dhooqa eebbaa» jedhama.
2CH 20:27 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka isaan diinota ifii irratti firinxiixanu waan godheef, worri Yihuda'aatii fi Yerusaalemii martinuu Yoshaafaax ifi dura aanfatanee gammada gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'ane.
2CH 20:28 Isaan maseenqo'oo fi kiraaraa guddicha dhowaa, tultullaalle afuufaa gara Galma Mootii Waan Maraa Yerusaalem dhufane.
2CH 20:29 Mootiin Waan Maraa diinota Israa'elii akka lole yennaa dhage'ane, mootummooti biyya lafaa marti Waaqa sodaatane.
2CH 20:30 Karaa maraan Waaqi nageya waan isaaf kenneef, mootummaan Yoshaafaaxii gabbi jette.
2CH 20:31 Yoshaafaax mootii biyya Yihuda'aa yennaa te'e nama woggaa soddomii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii shan bulche; maqaan haadha isaa «Azubaa» jedhama; isiin intala Shiilhii ti.
2CH 20:32 Inni akkuma abbaa ifii Aasa'aa waan fuula Mootii Waan Maraa duratti sirrii te'e huje malee, karaa abbaa ifii irraa hin gorre.
2CH 20:33 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa hin banne; kolbaan sun ammalle gadhaa tokkochaan gara Waaqa abbootii ifii hin deebine.
2CH 20:34 Wonni Yoshaafaax bara mootummaa ifii keessa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti huje keessaa gariin, kitaaba Yehuu ilma Haanaanii ka inni marroo dabarsii mootota Israa'elii barreesse keessatti barreeffamaneeran.
2CH 20:35 Muummee irratti mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax mootii Israa'elii Ahaaziyaa ka waan hantuu hedduu huje san woliin wolii galtee godhate.
2CH 20:36 Isaan hoboloota gugurdoo ittiin biyya Tarshiishii daldalatanu hujiisaaf wolii galanee, qachaa Eziyo-Geberii keessatti hoboloota san hujane.
2CH 20:37 Achiin duuba ilmi Dodaawaa Elii'ezer nami qachaa Maareshaa, «Ati Ahaaziyaa woliin waan wolii galteef, Mootiin Waan Maraa waan ati hujje kana hin balleessa» jedhee Yoshaafaax irratti raaga dubbate. Hobolooti sunille caccabanee, gara biyya Tarshiishii dhaquu dadhabane.
2CH 21:1 Yoshaafaax du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Yohoraam addee isaatitti mootii te'e.
2CH 21:2 Obboleeyyan Yohoraamii Azaariyaa, Yehii'el, Zakaariyaas, Azariyaahuu, Mikaa'elii fi Shefaaxiya'a; isaan kun marti ilmaan Yoshaafaaxii mootii Israa'elii ti.
2CH 21:3 Abbaan isaanii tokko tokkoo isaaniitiif kennansa bacaa worqii, meetii, meya gatii guddo'ootii fi qachoota Yihuda'aa keessaa ka dalleya dhaka'aa qabulle isaaniif kenne; Yohoraam angafa waan te'eef ammoo mootummaa isaaf kenne.
2CH 21:4 Yohoraam mootummaa abbaa ifii qabatee yennaa jabaate, obboleeyyan ifii mara akkasuma qondaaltota Israa'elii keessaa garii shallaaga'aan ijjeese.
2CH 21:5 Yohoraam yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche.
2CH 21:6 Inni intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma sanyiin Ahaabii goote, karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2CH 21:7 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin gondooroo gondooratee, isaa fi sanyii isaatiif haga bara baraa ka issu kenniisaaf waadaa waan galeeruuf, Yohoraam balleessuu hin barbaanne.
2CH 21:8 Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootummaa ifii dhaabatte.
2CH 21:9 Achiin duuba Yohoraam ajajjoota ifiitii fi garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee duulee, adoo worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ta garreettaa fardaan harkifamu marsaneeranuu, inni halkaniin ka'ee lolee isaan injifate.
2CH 21:10 Edoom haga adhaatitti bulchiinsa Yihuda'aa finqilteerti; Yohoraam Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkiseef, Yennuma san Liibnaalle bulchiinsa Yihuda'aa finqilte.
2CH 21:11 Inni koobota Yihuda'aa irratti addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ijaaree, kolbaan Yerusaalemii Mootii Waan Maraatiif akka hin addatanne godhee, worra Yihuda'aa dokonkorse.
2CH 21:12 Eliyaasiin raagichi xalayaa gara Yohoraamii mootichaa ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Daawitii abbaa abbootii teeti ta durii, ‹Ati karaa abbaa keeti Yoshaafaaxii yookiin karaa Aasaa mootii Yihuda'aa hordofatiisa lakkittee,
2CH 21:13 karaa mootota Israa'elii hordofattee, akkuma maatiin Ahaabii waaqota dharaa waaqonfatte, kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalem keessa leetulle waaqota dharaa akka waaqonfattu goote; obboleeyyan teeti, maatii abbaa keetii, worra si caalanulle ijjeette.
2CH 21:14 Kunoo, Mootiin Waan Maraa adabbii jadduu kolbaa teeti, ijoollee teeti, niitota teetii fi waan ati qaddu maratti buusa.
2CH 21:15 Atille dhukkuba hamaa ka madhumaan teeti guyyuma guyya'aan dhibuun hin rakkatta; muummee irratti madhumaan teeti gadhaa keeti keessaa gad hin baati› jedha» jedhe.
2CH 21:16 Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaatii fi worra Arabaa ka biyya Itoophiya'aa bira le'anu Yehoraam irratti kaase.
2CH 21:17 Isaan biyya Yihuda'aatitti duulanee qabatanee, meya mana mootumma'aa keessa jiru mara, ilmaan isaatii fi niitota isaa mara fudhatanee deemane; ilma isaa maandhicha Ahaaziyaa malee ilmi tokkolle ka isaaf hafe hin jiru.
2CH 21:18 Tana maralle'een duuba, Mootiin Waan Maraa dhukkuba madhumaanii ka hin fayyine Yohoraamitti buuse.
2CH 21:19 Yohoraam dhukkuba kanaan rakkataa turee, dhuma woggaa lammeesso'ootitti sababa dhukkuba kanaatiin madhumaan isaa gadhaa isaa keessaa gad baatee guddoo farree du'e; kolbaan isaa ulfinna abbootii isaatiif goola ibiddaa akka dhaabanu, ulfinna isaatiif goola ibiddaa dhaabuu hin barbaanne.
2CH 21:20 Yohoraam yennaa mootii te'u nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche; yennaa inni du'e nami tokkolle isaaf hin gaddine; isaan qachaa Daawitii keessatti awwaalane malee, addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle.
2CH 22:1 Worri saantotaa ka worra Arabaa woliin dhufane, ilmaan Yohoraamii mootichaa angafoota mara waan fixaneef, kolbaan Yerusaalemii ilma Yohoraamii maandhicha Ahaaziyaa addee abbaa isaatitti mootii godhane; tanaaf Ahaaziyaan ilmi Yohoraamii mootichaa, mootii Yihuda'aa te'e.
2CH 22:2 Ahaaziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii ti.
2CH 22:3 Haati isaa akka inni waan hantuu huju waan gorsiteef, innille akkuma sanynii Ahaabii waan hantuu huje.
2CH 22:4 Abbaan isaa du'een duuba, sanyiin Ahaabii karaa badi'ii waan isatti gorsaneef, akkuma sanyii Ahaabii innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2CH 22:5 Inni gorsa isaanii fudhatee, ilma Ahaabii mootii Israa'elii Yehoraam woliin, mootii Sooriya'aa Hazaa'el loliisaaf gara Raamoot-Giili'aadii yennaa dhaqe, innille isa woliin dhaqe. Worri Sooriya'aalle achitti isa madeessane.
2CH 22:6 Inni mootii Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol lolanuu, madaa Raamaatitti isa madeessane san fayyiisaaf, Yizre'elitti deebi'e; achiin duuba ilmi Ahaabii Yehoraam waan madoweef, mootiin Yihuda'aa ilmi Yohoraamii Ahaaziyaan Yehoraam gaafatiisaaf gara Yizre'el gad dhaqe.
2CH 22:7 Ahaaziyaan Yoraam gaafatiisaaf dhaqiisa isaa, Waaqi du'a isaatiif sababa godhe; Ahaaziyaan yennaa achi geye, Yoraam woliin ilma Niimshii Yehuu ka Mootiin Waan Maraa akka inni sanyii Ahaabii balleessuuf muude bira dhaqe.
2CH 22:8 Yehuun maatii Ahaabii irratti muraa kenniisatti jiruun, worra Ahaaziyaa gula jiru qondaaltota Yihuda'aatii fi ilmaan obboleeyyan Ahaaziya'aa dhaggee isaan mara ijjeese.
2CH 22:9 Achiin duuba inni Ahaaziyaa barbaachisee, inni Samaariyaa keessatti dhokateeruun dhagganee qabanee, gara Yehu'uu fidanee ijjeesane; isaan, «Inni akaakoo Yoshaafaaxii ka gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraa tajaajilee ti» jedhanee awwaalane; eega san sanyii Ahaaziya'aa keessaa nami mootummaa qabatuu dande'u dhabame.
2CH 22:10 Haati Ahaaziya'aa Ataaliyaan ilmi isi'ii akka du'e yennaa dhaggite, kaatee sanyii Yihuda'aa keessaa maatii moototaa mara balleessite.
2CH 22:11 Intalti Yehoraamii mootichaa Yoshebaan ammoo ilmaan moototaa ka ijjeefamaaranu keessaa ilma Ahaaziya'aa Yo'aas hattee fudhattee, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti dhossite; intalti Yoraamii Yoshebaan niitiin Yehoyaadaa hayyichaa obboleettii Ahaaziya'aa waan teeteef, Ataaliyaan akka hin ijjeenneef, Yo'aas dhossite.
2CH 22:12 Bara Ataaliyaan lafa bulchite san inni Galma Waaqaa keessa woggaa jaa dhokatee isaan woliin le'e.
2CH 23:1 Woggaa torbeesso'ootitti ammoo Yoyaadaan jajjabaatee, worra ajajjoota dhibbaa te'ane ilma Yerohaamii Azaariyaa, ilma Yohaannaanii Ishimaa'el, ilma Obedii Azaariyaa, ilma Adaayaa Maaseyaa, ilma Ziikrii Elshaafaax woliin wol gondoorane.
2CH 23:2 Isaan biyya Yihuda'aa keessa deemanee, Lewwootaa fi sooressitoota maatii Israa'elootaa qachaa mara keessaa wolitti qabanee, isaan woliin gara Yerusaalemii dhufane.
2CH 23:3 Gumiin marti Galma Waaqaa keessatti mooticha woliin wol gondoorane. Achiin duuba Yeyaadaan hayyichi, isaaniin, «Akkuma Mootiin Waan Maraa sanyii Daawitiitiif waadaa gale, kunoo ilmi mootichaa mootii hin te'a.
2CH 23:4 Wonni isin gootanu kana: Isin hayyootaa fi Lewwoota keessaa guyyaa sanbataa worri badoo qaddanu, harka sad keessaa harki tokko karra Galmaa Waaqaa eeganuu ti!
2CH 23:5 Harka sad keessaa harki tokko mana mootumma'aa eeganuu ti! Harka sad keessaa harki tokko, ‹Karra hunde'ee› ta jedhantu eeganuu ti! Worri hafe marti badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa keessa tee'anuu ti!
2CH 23:6 Hayyootaa fi Lewwoota worra tajaajiliisaaf badoo qabanu malee nami tokkolle Galma Mootii Waan Maraa keessa hin seenin; isaan woyyuu waan te'aneef seenanuu ti! Namooti hafane marti akka ajaja Mootii Waan Maraatitti ala dhaabbatanuu ti.
2CH 23:7 Lewwooti marti meya woraanaa harkatti qabatanee mootichatti naannowanuu ti. Nami yennaa san Galma Waaqaa seenu marti ijjeefamuu ti; yennaa mootichi ol seenuu fi gad bawu isa woliin jiraadha'a» jedhe.
2CH 23:8 Lewwootii fi kolbaan Yihuda'aa marti akkuma hayyichi Yoyaadaan ajaje godhane; tokko tokkoon isaanii namoota ifii worra guyyaa Sanbataa hujii irra jiranuu fi worra hujii ifii fixatanee galaaranu wolitti qabane. Hayyichi Yoyaadaan worra badoo hujii ifii fixataneeranuuyyuu gad hin lakkinne.
2CH 23:9 Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan woraana, wontee gugurdo'oo fi didiqqoo dur mootichi Daawiti qabu, ta Galma Waaqaa keessa jirtu, ajajjoota dhibbaatitti kenne.
2CH 23:10 Inni kolbaan marti tokko tokkoo isaanii meya woraanaa ka ifii harkatti qabatanee, Galma Waaqaa kaabaa haga kibbaatitti, adaala addee ciinca'aa, marsanee mooticha akka eeganu godhe.
2CH 23:11 Achiin duuba Yoyaada'aa fi ilmaan isaa, ilma mootichaa fidanee, kallacha itti keyanee, woraabbii barreeffama Gondooro'oo itti kennanee mootii isa godhane; isaan isa muudanee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti!» jedhane.
2CH 23:12 Ataaliyaan hogaa kolbaan utaalaa mooticha leellifattu yennaa dhageette, Galma Mootii Waan Maraa keessatti gara kolba'aa dhaxxee,
2CH 23:13 mootichi seensuma addee mootiin dhaabbatu dhaabbatuun utubaa biratti dhaggite; qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbataneeran; kolbaan lafa sanii marti firinxiixaa tultullaa afuufan; faarsitootille meya faaru'uutiin faaruu jilaa qajeelchan. Achiin duuba Ataaliyaan aari'iin woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a» jettee iyyite.
2CH 23:14 Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan ajajjoota dhibbaa worra loltoota ajajanu gad baasee, isaaniin, «Tarree teessan oddu'uu gad isii baasa'a; nama rogii isi'ii dhufu mara shallaaga'aan ijjeesa'a» jedhe. Inni, «Galma Mootii Waan Maraa keessatti isii hin ijjeesina'a» jedheeraayyu.
2CH 23:15 Maarre isaan isii qabanee karra mana mootumma'aa, addee, «Seensuma fardaa» jedhantu, achitti isii ijjeesane.
2CH 23:16 Hayyichi Yoyaadaan inninuu, kolba'aa fi mootichille, kolbaa Mootii Waan Maraa akka te'anu gondooroo godhe.
2CH 23:17 Achiin duuba kolbaan marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma Ba'aalii san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa ta achi jirtu caccassitee, hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa san duratti ijjeette.
2CH 23:18 Hayyooti sanyii Lewwi'ii akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffante gammadaa fi faaru'uun kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, Daawitiin mootichi akkuma ajaje, Yoyaadaalle hujii Galma Waaqaatitti, hayyootaa fi Lewwoota itti gaafatantoota godhe.
2CH 23:19 Nami battiin tokkolle Galma Mootii Waan Maraa akka hin seenne, karra Galma Mootii Waan Maraa akka eeganu eeddota karraa ramade.
2CH 23:20 Ajajjoota dhibbaa, qondaaltota, bulchitoota kolba'aatii fi kolbaa lafa sanii mara woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasanee gara mana mootumma'aa fidaneen duuba, karaa karra gara gubba'aatiin seenanee, mooticha barcumaa mootumma'aa irra teessisane.
2CH 23:21 Ataaliyaan shallaaga'aan waan ijjeefanteef, kolbaan marti gammadde; qachaalle gabbi jedhe.
2CH 24:1 Yo'aas yennaa mootii te'e nama woggaa torbaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama bulche; maqaan haadha isaa Ziibiya'a; isiin nama qachaa Bersheeba'aa ti.
2CH 24:2 Haga Hayichi Yoyaadaan lubbu'uun jiru, Yo'aas waan Mootii Waan Maraa gammachiisu huje.
2CH 24:3 Yoyaadaan dubartii lama isa fuusisee, isaan ilmaanii fi ijoollee durraa hedduu isaaf horane.
2CH 24:4 Yo'aas mootii te'ee yennaa diqqo'oon duuba Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf murteeffate.
2CH 24:5 Inni hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee, isaaniin, «Gara qachaa biyya Yihuda'aa mara dhaqa'aatii, wogguma wogga'aan Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii akka ittiin haareffamuuf, kolbaa Israa'elii mara irraa beesee guura'a! Kana ammuma dafa'aa godha'a» jedhe; Lewwooti ammoo waan inni jedhe kana dafanee hin goone.
2CH 24:6 Maarre mootichi Yo'aas sooressa hayyootaa Yoyaadaa waamee, «Ati gibira tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen gumii Israa'elii worra Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa le'anu irraa qarqaarsa Dunkaanii Woyyitti'iitiif ajaje, Lewwooti akka guuranu maaniif hin ilaalin?» jedhee isa gaafate.
2CH 24:7 Ilmaan Ataaliyaa dubartii hantuu sanii Galma Mootii Waan Maraa diiganee, meya woyyicha mara tajaajila waaqa dharaa Ba'aaliitiif itti fayyadamaneeran.
2CH 24:8 Mootichi akka Lewwooti saanduqa beesee itti guuranu hujanee, gara alaatiin karra Galma Mootii Waan Maraa dura keyanu ajaje.
2CH 24:9 Achiin duuba Lewwooti gibira Muuseen tajaajilaan Waaqaa goomolee keessatti ajaje, Mootii Waan Maraatiif akka guuranu kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara keessatti lassane.
2CH 24:10 Qondaaltotii fi kolbaan marti gammadanee, haga saanduqa guuttutti beesee guurane.
2CH 24:11 Lewwooti saanduqa san gara qondaaltota mootichaa worra itti gaafatantoota beese'ee yennaa geessanu, isaan akka beeseen guutteertu yennaa dhagganu, barreessaan mootichaatii fi sooressi hayyootaa dhufanee beesee keessaa baasanee saanduqa adde'etti deebisan; guyyuma guyya'aan akkana adoo godhanuu beesee bacaa guurane.
2CH 24:12 Mootichi Yo'aasii fi hayyichi Yoyaadaan beesee san itti gaafatantoota Galma Mootii Waan Maraatitti kennanee, isaanille Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf, worra dhakaa bocuu fi worra hujii mukaa beeku, worra hujii sibiilaa beeku ittiin qaxarane.
2CH 24:13 Hojjattooti sun marti jabaatanee hujanee, Galma Waaqaa san akka duri jirutti haaressanee jabeessanee ijaarane.
2CH 24:14 Hujii haaressiisaa fixaneen duuba beesee irraa hatte fidanee mootichaa fi Yoyaada'atti kennane; isaan meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu, meya ciincaa itti dhikeessanu, qorii boollittii, meya worqi'ii fi meetii irraa hujamu ka adda addaa hujisiisane; haga Yoyaadaan lubbu'uun jiru mara Galma Mootii Waan Maraa keessatti ciincaan yennaa mara dhikeeffamaa ture.
2CH 24:15 Yoyaadaan guddoo dulloomee woggaa dhibba tokkoo fi soddomatti du'e.
2CH 24:16 Inni kolbaa Israa'eliitiif, Galma Waaqaatii fi Waaqaafille waan dansaa waan hujeef, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala moototaatitti isa awwaalane.
2CH 24:17 Yoyaadaan du'een duuba qondaaltoti Yihuda'aa dhufanee mootichaaf sagadane; innille yaada isaanii fudhate.
2CH 24:18 Isaanille Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkisanee, utubaa fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu tajaajilane; yakkaa isaanii tanaaf mufiin Waaqaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii irratti dhutte.
2CH 24:19 Mootiin Waan Maraa akka isaan gara isaa deebi'anuuf raagota isaanitti erge; raagoti sun isaan ifi eeggachiisanulle isaan ammoo isaaniif hin dhageenne.
2CH 24:20 Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa gara Zakaariyaasii ilma Yoyaadaa hayyichaa dhufee, inni lafa tullittii irra kolbaa dura dhaabbatee, «Waaqi, ‹Isin maaniif ajaja Mootii Waan Maraa irra dabartan? Isiniif hin milkoottu; isin Mootii Waan Maraa waan lakkittaneef innille isin lakkiseera› jedha» jedhe.
2CH 24:21 Isaan ammoo mala isatti dhowanee, ajaja mootichaatiin badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaka'aan tumanee ijjeesane.
2CH 24:22 Mootichi Yo'aas waan dansaa abbaan Zakaariyaasii Yoyaadaan isaaf godhe dedhee, ilma isaa Zakaariyaas ijjeesise; Zakaariyaas du'iisatti jiruun, «Mootiin Waan Maraa hujii teeti ilaalee, akka hujii teetii sii kennuu ti!» jedhe.
2CH 24:23 Dhuma woggaa saniititti loltooti sooriya'aa Yo'aasitti duulane. Isaan Yihuda'aa fi Yerusaalem qabatanee qondaaltota kolbaa oddu'uu ijjeesanee, waan achi keessaa saamane mara gara mootii ifii ka Damaasqoo keessa jiruu ergane.
2CH 24:24 Loltooti Sooriya'aa diqqoo te'anulle, Mootiin Waan Maraa loltoota bacaa harka isaaniititti dabarsee kenne. Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkisaneef, muraan Yo'aas irratti muummotte.
2CH 24:25 Worri sooriya'aa yennaa achii bayanu akka malee Yo'aas madeessanee gatanee biraa deemane; inni ilma Yoyaadaa hayyichaa waan ijjeesiseef, qondaaltoti isaatuu mala isatti dhowanee, taqee isaa irratti isa ijjeesane. Maarre inni du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalame; te'uu malee addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle.
2CH 24:26 Worri isa irratti mala dhowane, ilma dubartittiin biyya Amoonii Shiimaat deette Zaabaadii fi ilma dubartittiin biyya Mo'aabii Shiimriit deette Yohozaabaad.
2CH 24:27 Dabarsiin ilmaan isaa, jechi isa irratti raagaan dubbatame, Galma Waaqaa haaressiis isaa, kitaaba dabarsii moototaa keessatti barreeffameera. Ilmi isaa Amaasiyaas addee isaatitti mootii te'e.
2CH 25:1 Amaasiyaan yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Yeho'aadaan; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti.
2CH 25:2 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee gadhaa tokkochaanii moti.
2CH 25:3 Amaasiyaan mootummaa ifii jabeeffateen duuba, qondaaltota ifii ta abbaa isaa mooticha ijjeette san ijjeese.
2CH 25:4 Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami martinuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne.
2CH 25:5 Amaasiyaan kolbaa Yihuda'aa wolitti qabee, akka maatii maatii isaaniititti gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminiitiif ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa file; achiin duuba worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaan ol te'ane wolitti qabee, worra wonte'ee fi woraana qabatanee lola dhaquu dande'anu nama kuma dhibba sad dhaggate.
2CH 25:6 Itti dabalee biyya Israa'elii keessaa loltoota kuma dhibba tokko meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afuriitiin qaxare.
2CH 25:7 Nami Waaqaa tokko ammoo gara isaa dhufee, isaan, «Ee mooticha, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Efreemii woliin waan hin jirreef, loltooti Israa'elii tun si woliin hin duulin!
2CH 25:8 Ati gadhaa jabaattee dhaxxee yoo loltelle, Waaqi si qarqaariisaaf, si jissiisaafille hunna waan qabuuf, inni diinota keeti jalatti si hin jissa» jedhe.
2CH 25:9 Amaasiyaan, «Loltoota Israa'elii tanaaf meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii ta baase tana attam godha ree?» jedhee nama Waaqaa san gaafate; nami Waaqaa sun deebisee, «Mootiin Waan Maraa tana caalaa sii kennuu hin dande'a» jedhe.
2CH 25:10 Maarre Amaasiyaan loltoota biyya Efreemiitii gara isaa dhufane san gara biyya isaaniititti deebise; isaan namoota Yihuda'aatitti guddoo aaranee gara biyya ifii deebi'ane.
2CH 25:11 Achiin duuba Amaasiyaan jajjabaatee loltoota ifii waammatee gara dhooqa sooddaa fudhatee bayee, achitti loltoota Se'iirii kuma kudhan ijjeese.
2CH 25:12 Namooti Yihuda'aa namoota dhibii kuma kudhan booji'anee, qaccee rassaa tokkoo gubbaa baasanee, achii irraa gad isaan darbanee marti isaaniituu caccabanee bututane.
2CH 25:13 Loltooti Amaasiyaan akka isa woliin hin duulle ifi biraa deebise, qachoota Yihuda'aa Samaariya'aa kaasanee haga Bet-Horooniititti lolanee, namoota kuma sad ijjeesanee meya bacaa booji'ane.
2CH 25:14 Amaasiyaan worra Edoomii lolee yennaa deebi'e, waaqota dharaa ka worra Se'iirii fudhatee dhufee, ifiif dhaabbachiifatee, isaanitti waaqonfatee ciincaalle dhikeesseef.
2CH 25:15 Mootiin Waan Maraa Amaasiya'atti guddoo waan aareef, Waaqi raagicha isatti ergee, «Waaqota dharaa ka kolbaa ifiituu harka keeti jalaa baasuu hin dandeenne, waaqota kolbaa ormaa maaniif qarqaarsa gaafatta?» jedhe.
2CH 25:16 Adoo inni dubbatiisatti jiruu, Amaasiyaan mootichi isaan, «Nuuti gorsaa mootichaa si godhanneerraa? Cadhisi! Ati maaf du'a feeta?» jedhe. Raagichille cadhise; te'uu malee, «Ati tana hujjee, gorsa kiyya dhage'uu waan diddeef, Waaqi si balleessiisaaf akka murteesse ani hin beeka» jedhe.
2CH 25:17 Achiin duuba mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan gorsitoota ifii woliin mari'ateen duuba, gara Yeho'aashii mootii Israa'elii, ilma Yeho'aazii, ka akaakoo Yehu'uutitti nama ergee, «Koottu me, wol ilaallaa!» jedhee lolaaf waammate.
2CH 25:18 Mootiin Israa'elii Yeho'aash ammoo, mootii Yihuda'aa Amaasiya'aaf deebisee, «Qoreen Libaanon keessaa takka, muka hindheensaa ka Libaanon keessaatitti ergitee, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jetteen. Bineensi Libaanonii ka karaa san dabarulle qoree san irra sirbe.
2CH 25:19 Ati, ‹Ani worra Edoomii injifadheera› jettee koortee, ifi jajjeerta. Amma ammoo manuma keeti tee'i. Ati jiddee, Yihudaalle si woliin akka jiddu maaniif rakkinna ifi irratti kakkaasiisaaf barbaadda?» jedhe.
2CH 25:20 Amaasiya'aa fi namooti isaa waaqota dharaa ka worra Edoomii waan waaqonfataneef, Waaqi harka diinota isaaniititti dabarsee isaan kenniisa waan barbaadeef, Amaasiyaan gorsa hin caqanne.
2CH 25:21 Maarre mootiin Israa'elii Yeho'aash ol bayee, innii fi mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan biyya Yihuda'aa keessatti qachaa Bet-Shemeshiititti wol lolane.
2CH 25:22 Loltooti Yihuda'aa loltoota Israa'eliitiin injifatamanee, tokko tokkoon isaanii gara mana mana ifii baqatane.
2CH 25:23 Mootiin Israa'elii Yeho'aash mootii Yihuda'aa akaakoo Yeho'ahaazii ilma Yo'aasii Amaasiyaa Bet-Shemeshitti booji'ee gara Yerusaalemii geessee, dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii karra Efreemiitii kaasee haga karra roga dalleyaa ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige.
2CH 25:24 Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiru ka Obed-Edoom eegu maraa fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e.
2CH 25:25 Ilmi Yeho'ahaazii mootichi Israa'elii Yeho'aash du'een duuba, ilmi Yo'aasii mootichi Yihuda'aa Amaasiyaan woggaa kudhanii shan le'e.
2CH 25:26 Wonni dhibiin ta mootichi Amaasiyaan huje, jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2CH 25:27 Amaasiyaan Mootii Waan Maraa hordofatiisa haga lakkisee jalqabanee, isa ijjeesiisaaf Yerusaalem keessatti mala waan isatti dhowaneef, inni gara qachaa Laakiishii duraa baqate; isaan ammoo namoota isa gula erganee, achumatti isa ijjeesisane.
2CH 25:28 Reeffa isaa fardaan fidanee, qachaa Yerusaalemii keessatti abbootii isaa ta durii biratti awwaalane.
2CH 26:1 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa marti wolii galanee nama dargaggeessa woggaa kudhanii jaa Uziyaa addee abbaa isaa Amaasiya'aatitti mootii isa godhatane.
2CH 26:2 Amaasiyaan du'een duuba, Uziyaan qachaa Elootii deebisee ijaaree, gara biyya Yihuda'aatitti deebise.
2CH 26:3 Uziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama Yerusaalemii ti.
2CH 26:4 Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e mara huje.
2CH 26:5 Waaqa sodaatiisa ka isa barsiise, Zakaariyaas bara lubbu'uun jiru keessa, Uziyaan Waaqaaf ajajame. Bara inni Mootii Waan Maraatiif ajajame san Waaqi isa milkeesse.
2CH 26:6 Uziyaan worra Filisxeemotaatitti duulee dalleya dhaka'aa ka Gaatii, ka Yaabne'eetii fi ka Ashidoodii diige; achiin duuba qachaa dhibii Ashidood keessatti, lafa Filisxeemotaa addee dhibiille'etti ijaare.
2CH 26:7 Lola worra Filisxeemotaatii fi lola worra Arabootaa ka Gur-Ba'aal keessa le'anuu irratti, lola worra Me'unootaa irralle'etti Waaqi isa qarqaare.
2CH 26:8 Worri Amoonotaa gibira Uziya'aaf gabbarane; inni mootii jabaa waan te'eef, gurri isaa haga meessaa biyya Gibxiititti beekkame.
2CH 26:9 Uziyaan qachaa Yerusaalemii keessatti karra roga irraa biratti, karra dhooqaatii fi roga dalleenni dhaqee itti dabu biratti xelleephoo jadduu ijaare.
2CH 26:10 Inni koobota jalaa fi dirree keessatti horii bacaa waan qabuuf, goomolee keessatti xelleephoo dhaka'aan ijaare; boolla bisaaniille qochisiise; hujii qonnaa waan jaalatuuf, koobotaa fi lafa laattuu maratti namoota fichaa isaaf qotanuu fi muka woyni'ii isaaf dhaabanu qabaayyu.
2CH 26:11 Ammalle Uziyaan loltoota lola dande'anu, worra kutaa kuta'aan akka Yiye'eliin barreessichii fi Ma'aseyaan qondaaltichi ajaja Hanaaniyaa ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko te'eetiin laakkowanetti, loltoota duulaaf bayanu qabaayyu.
2CH 26:12 Laakkossi sooressitootaa worri maatii maatii abbootii isaaniititti ajajjoota te'ane wolumatti kuma lamaa fi dhibba jaa.
2CH 26:13 Laakkossi loltoota ajajjoota kana jala jiranuu kuma dhibba sadii fi kuma torbaa fi dhibba shan; isaan diina mooticha irraa ittisiisaaf worra hunnaameyyii lola dande'anu.
2CH 26:14 Uziyaan loltoota tana maraaf wontee, woraana, gullee sibiilaa, qomoo sibiilaa, guube'ee fi dhakaa looyya'aan darbatanu qoode.
2CH 26:15 Inni meya jabaa daayaa fi dhakaa gugurdaa ittiin darbatanu Yerusaalem keessatti worra ogummaa hujii harkaa qabuun hujisiisee xelleepho'oo fi roga dalleya qacha'aa mara irra keye; haga jabaatutti qarqaarsa guddaa Waaqa biraa waan dhaggateef, gurrii isaa biyya fago'ootitti beekkame.
2CH 26:16 Uziyaan nama jabaa te'een duuba kooree badii ifitti fide; inni ifumaaf gara Galma Mootii Waan Maraa seenee, addee ciinca'aa ta hixaanaa irratti ciincaa hixaanaa dhikeessiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii yakke.
2CH 26:17 Hayyichi Azaariya'aa fi hayyooti Mootii Waan Maraa worri jajjabi saddeettami isa gula seenane.
2CH 26:18 Isaan Uziyaa mootichaan, «Ee Uziya'a! Hayyoota worra sanyii Aaroniitii fi worra hujii tanaaf adda bayane qofatti hixaana Mootii Waan Maraatiif aarsan malee, ati aarsiisaaf hin malle; ati Mootii Waan Maraa Waaqa waan yakkiteef, isa irraa ulfinna hin dhaggattu; Galma keessaa bayi» jedhane.
2CH 26:19 Uziyaan girgiraa harkatti qabatee, hixaana aarsiisaaf adoo jedhuu isaanitti aare; adoo inni isaanitti aariisatti jiruu Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee hixaana itti aarsanu biratti ila hayyoota sanii duratti dhukkubi goga'aa farrisiisaan adda isaa irratti baye.
2CH 26:20 Azaariyaan sooressi hayyootaatii fi hayyooti dhibiin marti yennaa isa ilaalanu, dhukkuba goga'aa farrisiisaa adda isaa irratti dhagganee ariiti'iin gad isa baasane; Mootiin Waan Maraa waan isa adabeef, innille achi keessaa bayiisaaf ariifate.
2CH 26:21 Uziyaan mootichi haga gaafa du'uutitti dhukkubi goga'aa farrisiisaan isa irraa hin banne; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan qabuuf, Galma Mootii Waan Maraa irraa dhooggamee mana kophaa jiru keessa tee'e; achiin duuba ilmi isaa Yotaam bulchaa mana mootumma'aa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche.
2CH 26:22 Waan Uziyaan bara mootummaa ifii keessa huje keessaa waan hafe, jalqabaa kaasee haga muumme'eetitti ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi barreesseera.
2CH 26:23 Uziyaan du'e; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan qabuuf, addee awwaalaa ta moototaa, ta abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e.
2CH 27:1 Yotaam yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti.
2CH 27:2 Inni akkuma abbaa ifii Uziya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee akka abbaa ifii hixaana aarisiisaaf hunnaan gara Galma Mootii Waan Maraa hin seenne. Kolbaan lafa sanii ammoo cubbuu hujiisa hin lakkinne.
2CH 27:3 Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta ol aantu deebisee ijaare; inni dalleya dhaka'aa qachaa kooba Ofeeliille jabeessee ijaare.
2CH 27:4 Koobota Yihuda'aa irratti qachaa, koobota gongomaan bacaan jiru irralle'etti kushe'ee fi xelleephoo ijaare.
2CH 27:5 Inni mootii Amoonotaa lolee injifate; bara san worri Amoonotaa, meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii kuntaala kuma tokko, garbuu kuntaala kuma tokko Yotaamiif gibira kennane; woggaa lammeesso'ootii fi sadeesso'oolle'etti, akkasuma gabbarane.
2CH 27:6 Yotaam qajeelumma'aan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii dura waan deddeebi'eef hunnaamesa te'e.
2CH 27:7 Wonni dhibiin ta mootichi Yotaam hujee fi lolli inni lole martinuu, kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2CH 27:8 Inni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche.
2CH 27:9 Yotaam du'ee qachaa Daawitii keessatti, abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Ahaaz addee isaatitti mootii te'e.
2CH 28:1 Ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche. Inni akka Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e hin hunye.
2CH 28:2 Inni ammoo akkuma moototi Israa'elii hujane hujee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaaf sibiila baqisiisee fakkii hujeef.
2CH 28:3 Inni akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, dhooqa ilma Hiinomii keessatti hixaana aarse; ilmaan ifiille ciincaa dhikeesse.
2CH 28:4 Ahaaz addee waaqonfanna'aa irratti, qaccee koobotaa irratti, muka banqaaqaa mara jalalle'etti ciincaa dhikeessee, hixaanalle aarse.
2CH 28:5 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi harka mootii Sooriya'aatitti dabarsee isa kenne; worri Sooriya'aa isa injifatanee kolbaa isaa bacaa booji'anee gara Damaasqo'oo geessane; inni harka mootii Israa'eliille'etti dabarfamee kennamee, innille akka malee lolee isa miidhe.
2CH 28:6 Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkisaneef, mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan guyyaa tokkotti loltoota Yihuda'aa keessaa kuma dhibbaa fi kuma diddama ijjeese.
2CH 28:7 Nami sanyii Efreemii, loltichi jabaan Ziikri, ilma mootichaa Ma'aseyaa, itti gaafatamaa mana mootumma'aa Azriiqaamii fi itti aanaa mootichaa Elqaanaa ijjeese.
2CH 28:8 Israa'elooti gosa ifiituu dubartoota, ijoollee dhiiraatii fi ijoollee durraa wolumatti nama kuma dhibba lama booji'ane; akkasuma meya bacaa boojuu fudhatanee gara Samaariya'aa deebi'ane.
2CH 28:9 Loltooti gara Samaariya'aa yennaa deebite, raagichi Mootii Waan Maraa Odeed isaan dhaggiisaaf dhaqee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii ta durii kolbaa Yihuda'aatitti waan aareef, harka keessanitti dabarsee isaan kenne; isin ammoo aarii jaddu'uun isaan ijjeettane; Waaqille aarii teessan ta akka malee hammaatte tana dhaggeera.
2CH 28:10 Isin amma dhiiraa fi dubartoota kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii garboonfatiisa barbaaddan; isin tana yennaa gootanu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti yakkaa hujuu keessanii motii ree?
2CH 28:11 Amma na caqasa'a! Mufiin Mootii Waan Maraa isin irratti waan bobeettuuf, gosa teessan ta boojitane deebisa'aatii galcha'a» jedhe.
2CH 28:12 Achiin duuba sooressitoota sanyii Efreemii keessaa gariin, ilmi Yohaannaanii Azaariyaan, ilmi Meshiilemootii Berekiiyaan, ilmi Shaalumii Yehiizqiiya'aa fi ilmi Hadlaayii Amaasaan worra duula irraa gale san mormanee,
2CH 28:13 «Isin worra booji'ame kana as fiduu hin malle! Nuuti ammaayyuu yakkaa guddoo qanna; mufiin Mootii Waan Maraa Israa'el irratti bobe'iisatti jirti; ammalle yakkaa irratti yakkaa dabalatuu barbaaddanii ree?» jedhane.
2CH 28:14 Maarre loltooti sun qondaaltotaa fi gumii san mara duratti worra booji'ame san gad lakkisanee, meya saamanelle deebisane.
2CH 28:15 Achiin duuba worri maqaan isaanii dhowame sun worra booji'ame kana fuudhanee, worra qullaa hafe mara woyaa saamane san keessaa itti uffisane. Woyaa, kophee, sagale'ee fi waan unanulle kennaneefii, zayitiille madaa isaanii dibane; worra dadhabaa deemuu hin dandeenne ammoo harree irra keyanee, addee firri isaanii jiru gara qachaa Yeriko'oo ka, «Qachaa Meexxi'ii» jedhamuu geessane. Achiin duuba ifiif gara Samaariya'aa deebi'ane.
2CH 28:16 Bara san Ahaaziin mootichi gara mootii Asoorii nama ergee qarqaarsa gaafate.
2CH 28:17 Worri Edoomii ammalle dhufanee kolbaa Yihuda'aa lolanee injifatanee boojuu fudhatanee ideemane.
2CH 28:18 Worri Filisxeemotaalle qachoota kooba jalaatii fi qachoota biyya Yihuda'aa ka gara kibbaa jiranu lolanee, Bet-Shemeshi, Ayalon, Gederot, Sokoo, Tiimna'aa fi Giimzoo ollaa adaala sanii mara qabatanee achi qubatane.
2CH 28:19 Mootiin Yihuda'aa Ahaaz biyya Yihuda'aatitti hammeenna baceessee Mootii Waan Maraatiif guddoo waan hin addataminiif, Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa salphise.
2CH 28:20 Mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser gara Ahaazii yennaa dhufe isa rakkise malee isa hin qarqaarre.
2CH 28:21 Maarre Ahaaz qooda Galma Mootii Waan Maraa irraa, qooda mana mootumma'aa irraa fi qooda qondaaltotaa irraa meya fuudhee mootii Asooriitiif kenneeraayyu; te'uu malee tunille isa hin qarqaarre.
2CH 28:22 Ahaaziin mootichi yennaa rakkinna ifii keessalle, ka durii caala'aayyuu Mootii Waan Maraatiif ka hin addatanne te'e.
2CH 28:23 Inni, «Waaqoti dharaa ka Sooriya'aa mootota Sooriya'aa waan qarqaaraneef, analle akka qarqaaranu ciincaa isaaniif dhikeessa» jedhee waaqota dharaa ka worra Damaasqo'oo worra isa injifataneef ciincaa dhikeesse; te'uu malee hujiin tun isaa fi kolbaa Israa'elii maraaf sababa jinnanaa teete.
2CH 28:24 Itti dabalee Ahaaz meya Galma Mootii Waan Maraa keessaa wolitti qabee caccasse; balbala Galma Mootii Waan Maraa cufee, roga irga karaa Yerusaalem keessaa maratti addee ciinca'aa ta waaqota dharaa ijaare.
2CH 28:25 Qachaa biyya Yihuda'aa mara keessatti, waaqota dharaa ka dhibi'iif addee waaqonfanna'aa ijaaree, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii aarse.
2CH 28:26 Wonni dhibiin ta Ahaaziin mootichi huje, jalqabaa kaasee haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2CH 28:27 Ahaaz du'ee qachaa Yerusaalemii keessatti isa awwaalane; te'uu malee addee awwaala moototi Israa'elii itti awwaalamanutti isa hin awwaalle. Ilmi isaa Hisqiyaas addee isaatitti mootii te'e.
2CH 29:1 Hisqiyaas yennaa moti te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Abiiya'a; isiin intala Zakaariyaasii ti.
2CH 29:2 Inni akkuma Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.
2CH 29:3 Inni mootii te'ee woggaa tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo keessa karra Galma Mootii Waan Maraa banee deebisee haaresse.
2CH 29:4 Inni hayyootaa fi Lewwoota badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka karaa aduun baatuutitti wolitti qabee,
2CH 29:5 isaaniin, «Isin Lewwooti dhage'a'a! Isin amma ifi adda baasa'aatii Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii ta duriille woyyoonsa'a! Waan Galma Mootii Waan Maraa batteesse mara isa keessaa balleessa'a!
2CH 29:6 Abbootiin teenna ta durii, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin addatanne; isaan isa duratti waan sirrii hin te'in hujanee, isa lakkisanee, addee woyyittii isaatitti dudda galane.
2CH 29:7 Isaan balbala soroo Galma Mootii Waan Maraa cufanee, issaalle dhaanfane; Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii keessatti hixaana hin aarisine yookiin kennansa gubamulle hin dhikeessine.
2CH 29:8 Tanaaf Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiititti aaree, akkuma isin beettanu, waan nama mara sodaachisu, waan murgo'oo isaan godhee, waan nama rifachiisu itti fide.
2CH 29:9 Sababa kanaaf abbootiin teenna ta durii shallaaga'aan dhumattee, niitoleen teennaa fi ijoolleen teenna booji'amanee fudhatamane.
2CH 29:10 «Haganaa achi akka inni nutti hin aarreef, ani Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii woliin gondooroo godhatiisaaf murteeffadheera.
2CH 29:11 Ee ijoollee tiyya! Isin akka isa dura dhaabbatanee isa tajaajiltanuuf, tajaajiltoota isaa akka teetanuuf, hixaanalle isa duratti akka isaaf aarsitanuuf Mootii Waan Maraa isin waan filateef hin rincicina'a» jedhe.
2CH 29:12 Lewwooti worri huji'iif kakka'ane ta asii gad jiranu: Sanyii Qehaatotaa keessaa, ilma Amaasaayii Mahaat; ilma Azaariya'aa Yo'el. Sanyii Meraarotaa keessaa, ilma Abdii Qiish; ilma Yihaleli'elii Azaariya'a. Sanyii Gershoonotaa keessaa, ilma Ziima'aa Yo'aak; ilma Yo'aakii Eden.
2CH 29:13 Sanyii Eliizaafaanii keessaa, Shiimrii fi Yewu'el. Sanyii Asaaf keessaa, Zakaariyaasii fi Mataaniya'a.
2CH 29:14 Sanynii Hemaanii keessaa, Yehii'elii fi Shime'i; sanyii Yedutuu keessaa, Shemaa'iya'aa fi Uzii'el.
2CH 29:15 Isaan kun fira ifii Lewwoota wolitti qabanee ifi woyyoonsaneen duuba, akka seeraatitti ifi qulqulleessaneen duuba, mootichi akka jecha Mootii Waan Maraatitti akkuma isaan ajajetti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessane.
2CH 29:16 Hayyooti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessiisaaf gara keessaa seenane; waan battii Galma Mootii Waan Maraa san keessatti dhaggane mara gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa gad baasane; worri Lewwootaa achii fuudhanee dhooqa Qedrooniititti gatane.
2CH 29:17 Isaan ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti qulqulleessuu jalqabanee, guyyaa saddeetesso'oo haga soroo Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessane; guyyaa saddeeti itti dabalanee Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessanee, wolumatti ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii jayeesso'ootitti qulqulleessanee fixane.
2CH 29:18 Achiin duuba gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, «Nuuti, Galma Mootii Waan Maraa addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu meya isi'ii mara woliin, xarapheessaa daabboo Waaqaaf kennante irra keyanu meya isaa mara woliin qulqulleessineerra.
2CH 29:19 Ahaaziin mootichi bara mootii te'eerutti Mootii Waan Maraatiif addatamuu dhabee, meya inni achii baase mara adde'etti deebinnee woyyoonsineerra; kunoo mey sun amma addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura jira» jedhanee isatti himane.
2CH 29:20 Boruyyaa barii ganama mootichi Hisqiyaas qondaaltota qacha'aa wolitti qabee gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqe.
2CH 29:21 Isaan marroo cubbuu mootumma'aatiif, marroo cubbuu Galma Mootii Waan Maraatiif, marroo cubbuu kolbaa Yihuda'aatiif, dardaroota torba, korbeeyyii hoole'ee torba, buruusota hoole'ee torbaa fi buruusota re'e'ee torba ciinca'aaf fidane; hayyooti sanyii Aaronii addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa irratti kennansa kana ciincaa akka dhikeessanuuf mootichi isaan ajaje.
2CH 29:22 Hayyooti dursitee dardaroota san qaltee, itti aansitee, korbeeyyii hoole'ee qaltee, dhuma irratti buruusota hoole'ee qaltee dhiiga addee ciinca'aa irratti fiffixxe.
2CH 29:23 Achiin duuba Korbeeyyii re'e'ee ta kennansa marroo sababa cubbu'uutiif dhikaattu fidanee mootichaa fi kolbaa dura dhaabbachiisane; isaanille harka ifii irra keyane.
2CH 29:24 Mootichi kennansa gubamuu fi kennansa gumaa cubbu'uutiif dhikaatu kolbaa Israa'elii maraaf akka godhamu duraan dursee waan ajajeeruuf, hayyooti korbeeyyii re'e'ee san qaltee, kolbaa Israa'elii maraaf gumaa cubbu'uutiif, dhiiga korbeeyyi'ii san addee ciinca'aa irratti dhangalaatte.
2CH 29:25 Akkuma dur Mootiin Waan Maraa karaa raagota ifiitiin, Daawiti, raagicha Gaadii fi raagicha Naataan ajajetti, akkasuma Hisqiyaasiin mootichi Lewwoota Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila qilillisuun, kiraaraa fi maseenqo'oon faarsanu ramade.
2CH 29:26 Maarre Lewwooti meya faaru'uu ka Daawitii qabatanee, hayyootille tultullaa ifii qabatanee dhaabbatane.
2CH 29:27 Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichi kennansi gubamu addee ciinca'aa irratti akka dhikaatu ajaje. Kennansi gubamu sun gubamiisa yennaa jalqabe, worri faarfatulle meya faaru'uu ka Daawitii mootii Israa'eliitii fi tultulla'aan bookarfamanee faaruu Mootii Waan Maraa faarfatuu jalqabane.
2CH 29:28 Haga kennansi gubamu gubamee dhumatutti, gumiin duudiin waaqonfattee, Faarfattootille faaruu faarsitee, tultullaalle afuufame.
2CH 29:29 Kennansi gubamu sun gubamee dhumateen duuba mootichii fi kolbaan isa woliin jirtu marti gombifantee waaqonfatte.
2CH 29:30 Hisqiyaasiin mootichii fi qondaaltoti isaa, faaruu Daawitiitii fi Asaafii raagichaa qopheessanee Mootii Waan Maraa akka leellifatanu Lewwoota ajajane; isaan gammadaan faarfatanee, gombifamanee waaqonfatane.
2CH 29:31 Achiin duuba Hisqiyaas kolba'aan, «Kunoo, isin amma Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsitaneertan; as dhikaadha'aatii ciinca'aa fi kennansa galataa gara Galma Mootii Waan Maraa fida'a» jedhe; maarre gumiin ciinca'aa fi kennansa galataa fidde; worri fedha qabanu marti kennansa gubamu fidane.
2CH 29:32 Laakkossi horii kennansa gubamuuf gumiin sun fiddee, dardaroota torbaatama, korbeeyyii hoole'ee dhibbaa fi buruusota hoole'ee dhibba lama; horiin kun marti Mootii Waan Maraatiif, kennansa gubamuuf dhikaate.
2CH 29:33 Laakkossi horii woyyoomee sun wolumatti, dardaroota dhibba jaa, hoole'ee fi re'e'ee kuma sad.
2CH 29:34 Te'uu malee horii kennansa gubamuuf qalame san gogaa irraa baasiisaaf, hayyooti achi jiranu waan diqqaataneef, Lewwooti obboleeyyan isaanii haga hujiin dhumattutti, hayyooti dhibiin haga ifi woyyoonsitutti isaan qarqaarane. Lewwooti ifi woyyoonsiisaaf hayyoota caalaa qalbii sirri'ii qaban.
2CH 29:35 Gaafas kennansa gubamu ka laakkossi isaa baca'aa san biratti, coomi kennansa tokkumma'aatiif dhikaate, kennansi daadhii woyni'ii ka kennansa gubamuuf dhikaate jiran. Akka kanaan tajaajilli Galma Mootii Waan Maraa akka duriititti deebi'e.
2CH 29:36 Wonni martinuu akka kanatti ariiti'iin waan hujanteef, Waaqi kolbaa tanaaf waan qopheesseef, Hisqiyaasii fi kolbaan martinuu guddoo gammadane.
2CH 30:1 Hisqiyaas kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase'eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanuuf waame.
2CH 30:2 Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji'a lammeesso'oo keessa jilifatiisaaf wolii galane.
2CH 30:3 Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te'iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna'atti jilifatiisaaf hin dandeenne.
2CH 30:4 Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane.
2CH 30:5 Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa'elii mara keessaa, Bersheeba'aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanu murteeffatane.
2CH 30:6 Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessa deemane. Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa'elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii deebi'a'a; innille gara keessan gara worra lubbu'uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi'a.
2CH 30:7 Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te'ina'a; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe.
2CH 30:8 Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama'a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina'a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa'a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila'a!
2CH 30:9 Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja'aa fi mararaa waan te'eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji'e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi'anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha.
2CH 30:10 Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase'ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi'ii fi murgo'oon itti kollane.
2CH 30:11 Te'uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase'eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane.
2CH 30:12 Biyya Yihuda'aa keessalle'etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare.
2CH 30:13 Ji'a lammeesso'ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante.
2CH 30:14 Isaan addee ciinca'aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane.
2CH 30:15 Isaan ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane.
2CH 30:16 Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe.
2CH 30:17 Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu waan hin te'iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane.
2CH 30:18 Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase'ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram!
2CH 30:19 Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe.
2CH 30:20 Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage'e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne.
2CH 30:21 Lewwootii fi hayyooti meya faaru'uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya'aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda'aan faarfataa, kolbaan Israa'elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane.
2CH 30:22 Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte.
2CH 30:23 Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane.
2CH 30:24 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'e'ee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi woyyoonsane.
2CH 30:25 Gumiin Yihuda'aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa'el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa'el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane.
2CH 30:26 Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa'elii duudii irratti mootii te'ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te'e.
2CH 30:27 Hayyootii fi Lewwooti ka'anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubba'aa irraa daadimata isaanii dhage'e.
2CH 31:1 Jilti Irra Dabaramaa hobbaateen duuba kolbaan Israa'elii marti gara qachaa Yihuda'aa mara dhaqanee utuboota dhaka'aa ka itti waaqonfatanu caccassanee, utuboota waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjissanee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ta worra ormaa, biyya Yihuda'aa, biyya Beniyaaminii, biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee mara keessaa balleessane. Isaan waan kana mara balleessaneen duuba gara qe'ee ifii deebi'ane.
2CH 31:2 Hisqiyaasiin mootichi Hayyootaa fi Lewwoota kutaa kutaa isaaniitiin, akkuma hujii hujii isaaniititti irra deebi'ee ramade; isaan kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Galma Waaqaa keessatti waaqonfataa, karra Galma Mootii Waan Maraa duratti faaru'uun leellifataa galatteessan.
2CH 31:3 Mootichi akkuma Seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti hoole'ee fi loon ifii keessaa kennansa gubamu ka galgalaa fi ganamaa, ka guyyaa sanbataa, ka guyyaa baatii ji'aatii fi ka guyyaa jila beekkanteetiifille kenne.
2CH 31:4 Akkasuma hayyootii fi Lewwooti guyyaa guutuu tajaajila Seera Mootii Waan Maraatiif akka ifi kennuu dande'anu, kolbaan Yerusaalem keessa leetu qooda isaaniif murame akka isaanii fiddu ajaje.
2CH 31:5 Akkuma ajaji kennameen, kolbaan Israa'elii, midhaan mata'aa, daadhii woyni'ii haareya, zayitii ejersaa, damma akkasuma midhaan ficha'aa mara ka mata'aa jaalalaan fidane; waan qabanu mara irralle'ee kudhan keessaa tokko fidane.
2CH 31:6 Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii worri qachaa Yihuda'aa keessa le'u marti, loon, hoole'ee fi re'ee ifii keessaa kudhan keessaa tokko fidane; akkasuma waan Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif woyyoonsane irraa kudhan keessaa tokko fidanee tuulane.
2CH 31:7 Isaan kennansa kana ji'a sadeesso'oo keessa jalqabanee ji'a torbeesso'ootitti fixane.
2CH 31:8 Hisqiyaasii fi qondaaltoti isaa dhufanee tuulaa tana yennaa dhaggane Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaa kolbaa Israa'eliille leellisane.
2CH 31:9 Hisqiyaasiin mootichi marroo kennansa kanaa hayyootaa fi Lewwoota gaafate;
2CH 31:10 Maatii Zaadoqii keessaa hayyichi sooressi, Azaariyaan, «Kolbaan kennansa ifii gara Galma Mootii Waan Maraa fidiisa haga jalqaddee nyaannee quunnee bacaan nu irraa hafeera; Mootiin Waan Maraa kolbaa waan eebbiseef, wonni bacaan kun hafuu dande'e» jedhe.
2CH 31:11 Hisqiyaas Galma Mootii Waan Maraa keessatti kolloo kuusaa meyaa akka qopheessanu ajaje; isaanille akkuma inni ajaje godhane.
2CH 31:12 Achiin duuba kennansa mara, kudhan keessaa tokko, kennansa woyyoome addatamumma'aan achi keessatti tuulane. Konaaniyaan sanyii Lewwi'ii itti gaafatamaa mana meya mootumma'aa te'ee, obboleessi isaa Shime'i itti aanaa isaa te'e.
2CH 31:13 Konaaniya'aa fi Shime'i jala akka hujanuuf: Yehii'el, Azaziiyaan, Naahaat, Asaa'el, Yeremoot, Yozaabaad, Elii'el, Ismaakiyaan, Mahaatii fi Benaaya'aan Hisqiyaasii mootichaa fi Azaariyaa hayyicha gudda'aan filamane.
2CH 31:14 Ilmi Imnaa Lewwichaa Qore, ka karra karaa aduun baatuu eegu, kennansa fedhii ifiitiin Waaqaaf nami fidu fuudhee qoodiisaaf itti gaafatamaa te'e.
2CH 31:15 Eden, Miniyaamiin, Yeshu'aan, Shemaa'iyaan, Amaariyaanii fi Shekaaniyaan qachaa hayyootaa keessatti hayyoota fira isaanii jaarsole'ee fi dargaggootaaf addatamumma'aan qooda isaanii hiriisaan Qore qarqaarane.
2CH 31:16 Itti dabalanee dhiira worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamane, ka woggaan isaanii sadii fi sadii ol te'ane, worra akka hujii hujii isaaniititti itti gaafatamummaa isaaniititti hujii ifii hujiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanu maraaf hujii isaan hujanu itti qoqoodane.
2CH 31:17 Hayyoota worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamanee fi Lewwoota worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa ol te'aneef akkuma hujii hujii isaaniitii fi itti gaafatamummaa isaaniititti hujii isaan hujanu itti qoqoode.
2CH 31:18 Isaan addatamumma'aan huji'iif waan ifi woyyoonsaneef, akka hidda dhaloota isaaniititti haadhotii manaa ta ifii, ijoollee ifii, ta dhiiraatii fi ta durraa mara woliin galmeeffamane.
2CH 31:19 Hayyoota qachaa sanyii Aaroniitiif ramadamane keessa yookiin lafa marraa ta qachaa saniif ramadamane keessa le'anu, worra maqaan isaanii sanyii Lewwootaa keessatti galmeeffame worra dhiiraa maraaf, qooda isaan gewu akka isaaniif kennanu, namoota itti gaafatamanu filaneef.
2CH 31:20 Hisqiyaasiin mootichi lafa Yihuda'aa mara keessatti waan Mootii Waan Maraa Waaqa isaa duratti sirrii te'ee fi waan addatamumma'aa huje.
2CH 31:21 Inni Galma Mootii Waan Maraa tajaajiliisaan, seeraa fi ajaja eegatiisaan waan huje mara gadhaa tokkochaan, Waaqa barbaadatiisaan hujee, wonni marti isaaf teete.
2CH 32:1 Hisqiyaas waan kana mara addatamumma'aan hujee fixeen duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib Yihuda'atti duulee, injifatee ka ifii godhatiisa hedee qachoota dalleya dhaka'aa qabanu marse.
2CH 32:2 Senaaheriib Yerusaalem loliisaaf hedee akka dhufeeru, Hisqiyaas yennaa beeke,
2CH 32:3 inni madda bisaanii ka qacha'aan ala jiranu duuchiisiisaaf, qondaaltotaa fi ajajjoota loltoota ifii woliin mari'ate; isaanille isa qarqaarane.
2CH 32:4 Kolbaan hedduun wolitti qabantee, «Mootiin Asoorii dhufee maaf bisaan bacaa dhaggata» jedhanee, madda bisaanii maraa fi anguree lafa jala lola'u mara duuchane.
2CH 32:5 Hisqiyaasiin mootichi jabaatee hujee, dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressee, xelleephoo irratti ijaare; gara alaatiin dalleya dhaka'aa dhibii itti ijaaree kaabii, «Miiloo» jedhantu ta qachaa Daawitii keessaalle jabeesse; akkasuma meya lolaa ka adda addaatii fi wontee bacaa huje.
2CH 32:6 Qondaaltoti loltootaa kolbaa akka bulchanu godhee, isaan mara badhinna karra qacha'aa dura jirutti wolitti qabee,
2CH 32:7 «Jabaadha'a! Jajjabaadha'a! Hunna guddoo isa woliin jirtu caalaa, ta nu woliin jirtu waan caaltuuf, mootii Asooriitii fi loltoota isa woliin jirtu bacaa tana sodaattanee hin nayina'a!
2CH 32:8 Isa woliin loltoota namaatitti jira; nu woliin ammoo nu qarqaariisaa fi nu'uuf loliisaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti jira» jedhe. Kolbaalle dubbii mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dubbatteen jajjabaatte.
2CH 32:9 Tanaan duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib loltoota ifii mara woliin qachaa Laakiishii marsee adoo jiruu, Hisqiyaasii fi kolbaa Yihuda'aa ta isa woliin Yerusaalem keessa jirtu maratti akka himanuuf tajaajiltoota ifii ergee,
2CH 32:10 isaanille dhaqanee, «Mootiin Asoorii Senaaheriib, ‹Isin eennutti addattanee qachaa Yerusaalemii ka marfame kana keessa teettan?
2CH 32:11 Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka mootii Asoorii jalaa nu hin baasa jedhee beelaa fi dheebu'uun isin fixaara.
2CH 32:12 Kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin: Addee ciinca'aa takkattii duratti sagada'aatii isii irratti ciincaa dhikeessa'a jedhee ajajee addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ka balleesse Hisqiyaasuma kanaa motii?
2CH 32:13 Anii fi abbootiin tiyya ta durii kolbaa lafa dhibi'ii irratti waan goone hin beettanuu ree? Waaqoti gosa biyya adda addaa sun lafa isaanii harka kiyya jalaa baasuu dande'aneeranii ree?
2CH 32:14 Waaqota gosa biyya adda addaa ka abbootiin tiyya ta durii balleessite mara keessaa kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu ka dande'e kam ree? Waaqi keessan harka kiyya jalaa attam isin baasuu dande'a ree?
2CH 32:15 Tanaaf, amma, akka kanaan Hisqiyaas isin hin sobin yookiin isin hin dokonkorsin; Waaqi gosa biyya adda addaa yookiin ka mootummaa kamiille kolbaa ifii harka kiyya jalaa yookiin harka abbootii tiyyaa jalaa baasuu ka dande'e waan hin jirreef, isa hin addatina'a! Waaqi keessanille akkasuma harka kiyya jalaa isin baasuu hin dande'u› jedha» jedhane.
2CH 32:16 Tajaajiltooti Senaaheriibii Mootii Waan Maraa Waaqaa fi tajaajilaa isaa Hisqiyaas irratti dubbii badduu tana caalte dubbatane.
2CH 32:17 Mootichille akkasuma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii arrassiisaan, «Waaqoti gosa biyya adda addaa ka dhibiin kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu akkuma hin dandeenne, Waaqi Hisqiyaasille kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu hin dande'u» jedhee xalayaa barreesse.
2CH 32:18 Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa kolbaa sodaachisanee bararassanee qachaa qabatiisaaf, kolbaa Yerusaalemii worra dalleya dhaka'aa irra dhaabbataneeranu qoonqoo ifii ol qabatanee afaan Ibrootaatiin itti hogisane.
2CH 32:19 Waaqota kolbaa lafa irraa ka harki namaa huje irratti akkuma dubbatane, Waaqa Israa'elii irralle'etti akkasuma dubbatane.
2CH 32:20 Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichii fi ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi marroo dubbii tanaa gara Mootii Waan Maraa daadimatanee, gara ol-gubba'aa iyyane.
2CH 32:21 Mootiin Waan Maraa ergamaa ifii ergee, addee quttuma mootii Asoorii keessaa loltoota jajjaba, sooressitootaa fi qondaaltota mara akka fixamanu godhe. Maarre mootichi Senaaheriib qaanowee gara biyya ifii deebi'e. Yennaa inni gara galma waaqa ifii seenelle ilmaan isaatuu achitti shallaaga'aan isa ijjeette.
2CH 32:22 Maarre Mootiin Waan Maraa Hisqiyaasii fi kolbaa Yerusaalemii harka mootii Asoorii Senaaheriibiitii fi harka diinota isaa mara jalaa isaan baase; worra adaala isaanii jiranu mara woliin nageyaan akka le'anu isaan godhe.
2CH 32:23 Kolbaan bacaan Mootii Waan Maraatiif kennansa fidanee gara Yerusaalemii dhufanee, mootii Yihuda'aa Hisqiyaasiifille kennansa gatii guddo'oo fidanee, guyyaa saniin jalqabee inni gosa biyya adda addaa mara duratti ulfinna dhaggate.
2CH 32:24 Baruma san Hisqiyaas dhibamee du'iisa geye; inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne; akka isa fayyisulle beessisa isaaf kenne.
2CH 32:25 Hisqiyaas ammoo koore malee waan dansaa isaaf godhameef Waaqa hin galateeffanne. Tanaaf, mufiin Mootii Waan Maraa isa irratti, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii irratti dhutte.
2CH 32:26 Te'uu malee marroo koora ifiitiif, Hisqiyaas gad ifi qabee, innii fi kolbaan Yerusaalemiille gad ifi qabanee, tanaaf bara mootummaa isaa mufiin Mootii Waan Maraa isaan irratti hin dhunne.
2CH 32:27 Hisqiyaas qabeennaa fi ulfinna guddaa qabaayyu; inni kolloota meetii, worqii, dhakaa gatii guddo'oo, uddowaa adda addaa, wonte'ee fi meya gatii guddo'oo ka adda addaa itti kuufatu ijaarrate.
2CH 32:28 Akkasuma gootaraa midhaan ficha'aa, okkotee daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa qabaayyu; loon ifiitiif moonaa, hoole'ee fi re'ee ifiitiif gooree qabaayyu.
2CH 32:29 Waan kana mara irratti ede'ee, Mootiin Waan Maraa qabeenna bacaa waan isaa kenneef, inni karra hoole'ee, re'e'eetii fi loonii bacaalle horatee, qachaa hedduu ijaarrate.
2CH 32:30 Madda Giihonii maddu ka gatiitti'ii kiphee, bisaan gara seensa adu'uu gara qachaa Daawitii anguree keessa gad akka lola'u ka godhe Hisqiyaas; hujiin isaa marti isaaf teete.
2CH 32:31 Qondaaltoti biyya Baabilonii baasa biyya keessatti te'e gaafatiisaaf namoota yennaa ergane, Waaqi isa haga ilaaliisaa fi waan gadhaa isaa keessa jiru mara beekiisaaf isa lakkise.
2CH 32:32 Wonni dhibiin ta Hisqiyaasiin mootichi hujee fi hujiin inni addatamumma'aan huje, mudhii raagicha Isaayaasii ilma Amosiitii fi kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
2CH 32:33 Hisqiyaas du'ee addee awwaala sanyii Daawitii ta gatiitti'iititti awwaalame; yennaa inni du'e kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii marti ulfinnaan isa awwaalane; ilmi isaa Minaaseen addee isaatitti mootii te'e.
2CH 33:1 Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche.
2CH 33:2 Inni hujii diqachiittuu gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baasee san hordofee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu huje.
2CH 33:3 Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; Ba'aaliifille addee ciinca'aa ijaaree, utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabe. Inni urjootalle waaqonfate.
2CH 33:4 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Maqaan kiyya haga bara baraa Yerusaalem keessatti hin waaqonfatama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare.
2CH 33:5 Badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa lamaanuu keessatti urjoota ol-gubba'aa waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare.
2CH 33:6 Inni dhooqa ilma Hiinomii keessatti ilmaan ifii kennansa gubamu godhee dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu morsiifatee, Mootii Waan Maraa duratti cubbuu guddittii hujee aarii isaa kakkaase.
2CH 33:7 Inni fakkii waaqa dharaa ka qiriixee huje san fuudhee, Galma Waaqaa ka Waaqi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem lafa gosa Israa'elii mara keessaa addee filadhe tana keessatti, haga bara baraa maqaa kiyya keessa hin keya;
2CH 33:8 kolbaan Israa'elii seerata kiyya yoo eegatte, seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne duudiille yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan ari'amanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye.
2CH 33:9 Minaaseen ammoo kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii duraa ari'ee baase caalaa cubbuu hujane.
2CH 33:10 Mootiin Waan Maraa Minaase'ee fi kolbaa ifiititti dubbatulle, isaan ammoo caqasuu didane.
2CH 33:11 Maarre Mootii Waan Maraa ajajjoota loltoota mootii Asoorii isaanitti fidee, isaan Minaasee qabanee, hookkoo sagana'aa funnaan isaa keessa keyanee, harka isaa wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii isa geessane.
2CH 33:12 Minaaseen rakkinna kana keessa adoo jiruu, gad ifi qabee, gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deebi'ee, qarqaarsa isa gaafate.
2CH 33:13 Mootiin Waan Maraa daadimata isaa dhage'eefii, gara Yerusaalemii mootummaa isaatitti isa deebise; Minaaseelle Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e beeke.
2CH 33:14 Tanaan duuba Minaaseen dalleya dhaka'aa ka qachaa Daawitii ka gara alaa dhooqa madda Giihonii ka gara aduun baatuutii kaasee haga seensuma «Karra qurxummi'ii» jedhantuu, kooba Ofeeliititti marsee dalleya dhaka'aa hojjaa itti dabalee ijaare; qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara qondaaltota loltootaa keessa keye.
2CH 33:15 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessaa Waaqota ormaa fi fakkii achi keessa jirtu balleessee, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ta kooba irra addee Galmi Mootii Waan Maraa dhaabbate keye, Yerusaalem keessa ta addee dhibiille jirtu diigee qacha'aan alatti gate.
2CH 33:16 Achiin duuba addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa haaressee ijaaree, isii irratti kennansa tokkumma'aatii fi kennansa galataa dhikeesse; kolbaan Yihuda'aalle Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka waaqonfattu ajaje.
2CH 33:17 Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitulle, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii qofaaf dhikeessite.
2CH 33:18 Wonni dhibiin ta Minaaseen huje, daadimati inni Waaqa ifii daadimatee fi ergaan raagoti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin dubbatane kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
2CH 33:19 Minaaseen mootichi daadimatee deebiin Waaqi daadimata isaatiif kenne, adoo cubbuu irraa hin deebi'in dura cubbuun inni hujee fi ka hin addatanne te'uun isaa marti, addee waaqonfanna'aa irratti utubaa waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi fakkiin waaqota dharaa ta inni dhaabe marti, kitaaba raagota Israa'elii irratti barreeffanteerti.
2CH 33:20 Minaaseen du'ee mana mootumma'aa ka ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Amooni addee isaatitti mootii te'e.
2CH 33:21 Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche.
2CH 33:22 Akkuma abbaa ifii Minaase'ee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate innille waaqonfate.
2CH 33:23 Amooni akka abbaan isaa Minaaseen Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qabe, gad ifi hin qanne. Inni yakkaa abbaan isaa huje caala'aayyuu huje.
2CH 33:24 Tajaajiltooti Amoonii mala isatti dhowanee mana mootumma'aa ka isaa keessatti isa ijjeesane.
2CH 33:25 Achiin duuba kolbaan lafa sanii worra Amooni irratti mala dhowe mara ijjeesanee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii godhane.
2CH 34:1 Yosiyaas yennaa mootii te'e nama woggaa saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii tokko bulche.
2CH 34:2 Yosiyaas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; inni karaa abbaa abbootii ifii ta durii ka Daawitii middaa fi bitaa adoo irraa hin gorin mara hordofe.
2CH 34:3 Yosiyaas mootii te'ee woggaa saddeetesso'ootitti, adoo ijoollichaatuu Waaqa Daawitii ka abbaa abbootii ifii ta durii barbaadatiisa jalqabe. Woggaa kudhanii lammeesso'ootitti Yihuda'aa fi Yerusaalem qulqulleessiisaaf addee waaqonfanna'aa, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, waaqota dharaa ka dhibiille balleessiisa jalqabe.
2CH 34:4 Ajaja isaatiin addee waaqota dharaa Ba'aaliif ciincaa itti dhikeessanu butuchanee, addee ciinca'aa ta hixaanaa ta achi bira jirtulle jissane. Isaan fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi ta waaqota dharaa ka dhibi'iille lafatti gad jissanee, bulleessanee, bukuu san awwaala worra waaqota dharaa saniif ciincaa dhikeessanee irratti bittinneessane.
2CH 34:5 Inni lafee hayyoota sanii addee isaan ciincaa itti dhikeessanu irratti gubee Yihuda'aa fi Yerusaalem qulqulleesse.
2CH 34:6 Qachaa lafa Minaase'ee, lafa Efreemiitii fi lafa Shimi'ooniitii haga qachaa lafa Niftaalemiititti, haga bututa adaala qachoota kana jiranuutitti,
2CH 34:7 addee ciinca'aatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu diige; inni fakkii waaqota dharaa bulleessee, addee ciincaa hixaanaa ta biyya Israa'elii keessa jirtu mara butuchee, achiin duuba gara Yerusaalemii deebi'e.
2CH 34:8 Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, biyyaa fi Galma qulqulleesseen duuba, Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaa deebisanee akka haaressanu ilma Azaaliya'aa Shaafaan, ilma bulchaa qacha'aa Ma'aseya'aa fi ilma Yo'aahaazii barreessa'aa Yo'aak erge.
2CH 34:9 Isaanille gara Hilqiiyaa hayyicha gudda'aa dhaqanee, beesee Galma Waaqaatiif worri Lewwootaa ka karra eeganu kolbaa Minaase'ee irraa, kolbaa Efreemiitii fi kolbaa Israa'elii worra baraaree hafane mara irraa, kolbaa Yihuda'aa mara irraa, kolbaa Beniyaaminiitii fi kolbaa Yerusaalem keessa leetu mara irraa guurane itti kennane.
2CH 34:10 Achiin duuba isaan itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennane; isaanille beesee san worra Galma Mootii Waan Maraa haaressee adde'etti deebisuuf kaffalane.
2CH 34:11 Akkasuma ijaarsa dhaka'aa gugurdaa ka moototi Yihuda'aa akka diigamu godhane deebisanee haaressanee ijaariisaaf, dhakaa bocamee fi muka isa ittiin wol irra qaxxaamursanee jabeessanuu fi utuboota akka ittiin bitanu worra muka bocuu fi worra dhaka'aan mana ijaarutti kennane.
2CH 34:12 Namooti sun addatamumma'aan hujii san hujane; isaan irratti itti gaafatantoota worri te'ane Lewwoota sanyii Meraarii keessaa Yaahaatiitii fi Obaadiya'a; sanyii Qehaatotaa keessaa Zakaariyaasii fi Meshulaam. Lewwoota keessaa worri meya faaru'uu dhowiisaan qarummaa qabanu,
2CH 34:13 worra ba'aa ba'atanuu fi worra hujii adda addaatitti ramadamane toowataniiyyu; Lewwooti gariin barreessitoota, gariin qondaaltota, gariin eeddota karraa ti.
2CH 34:14 Isaan beesee gara Galma Mootii Waan Maraa fidane san baasiisatti adoo jiranuu, Hilqiiyaan hayyichi Kitaaba Seera Mootii Waan Maraa ka karaa Muuse'eetiin kenname tokko dhagge.
2CH 34:15 Achiin duuba Hilqiiyaan, Shaafaanii barreessa'aan, «Ani kitaaba Seeraa Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhagge» jedhee, kitaaba san Shaafaanitti kenne.
2CH 34:16 Shaafaanille kitaaba san gara mootichaa geessee, mootichaan, «Kunoo, tajaajiltooti teeti waan ati ajajje mara hujiisatti jiran.
2CH 34:17 Isaan beesee Galma Mootii Waan Maraa keessaa fuudhanee itti gaafatantootaa fi hojjatootatti kennaneeran» jedhe.
2CH 34:18 Achiin duuba barreessaan Shaafaan, «Hilqiiyaan hayyichi kitaaba natti kenneera» jedhee, mootichatti himee, kitaaba san keessaa mooticha duratti dubbise.
2CH 34:19 Mootichi jechoota seeraa yennaa dhage'e gaddaan woyaa ifii tarsaase.
2CH 34:20 Achiin duuba Hilqiiyaa, ilma Shaafaanii Ahiiqaam, ilma Miikiyaasii Abdoon, Shaafaanii barreessa'aa fi tajaajilaa mootichaa Asaayaa ajajee,
2CH 34:21 «Dhaqa'aatii, waan kiyya, waan worra Yihuda'aa fi Israa'el keessatti baraaree hafee waan Kitaaba Seeraa ka dhaggame kana keessatti barreeffamee Mootii Waan Maraa gaafadha'a; abbootiin teenna ta durii jecha Mootii Waan Maraa waan hin eegatiniif, waan kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffameefille waan hin ajajaminiif, mufiin Mootii Waan Maraa nu irratti dhangalaateerti» jedhe.
2CH 34:22 Hilqiiya'aa fi namooti mootichi isa woliin erge sun gara raagittii, «Huldaa» jedhantuu dhaqanee isi'itti himane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Toqihatii, ka akaakoo Hasiraa, ka woyaa mootichaa eegu ti; isiin qachaa Yerusaalemii kutaa lammeesso'oo keessa leetiiyyu.
2CH 34:23 Isiin isaaniin, «Namicha gara kiyya isin erge kanaan: Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii,
2CH 34:24 ‹Kunoo, ani Mootiin Waan Maraa balaa abaarsa kitaaba mootii Yihuda'aa duratti dubbifame keessatti barreeffame mara, addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jiranu irratti hin fida.
2CH 34:25 Isaan na lakkisanee waaqota dhibi'iif hixaana waan aarsaneef, waan harki isaanii huje maraan tuttuqanee waan na aarsaneef, mufiin tiyya ta addee tana irratti dhangalaate hin dhaantu› jedha.
2CH 34:26 Mooticha Yihuda'aa ka Mootii Waan Maraa gaafatiisaaf gara kiyya isin ergeen: Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii waan jecha dhageetteetiif,
2CH 34:27 ‹Addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jirtu irratti jecha dubbatame yennaa dhageette, gadhaan keeti tuqamee, ifi gad qaddee, woyaa teetii tarsaattee, ana Mootii Waan Maraa duratti waan bootteef, anille si'iif dhage'eera.
2CH 34:28 Kunoo, ati duutee abbootii teeti ta durii biratti nageyaan akka awwaalantu hin godha; addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jirtu irratti balaa ani fidu mara ilti teeti hin dhaggitu› jedha» jette; worri ergamane sunille deebi'anee deebii isiin kennite mara mootichatti himane.
2CH 34:29 Achiin duuba Yosiyaasiin mootichi jaarsolee Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara wolitti qabee,
2CH 34:30 kolbaa Yihuda'aa, kolbaa Yerusaalem keessa leetu, hayyootaa fi Lewwoota mara, kolbaa mara diqqa'aa fi guddaa woliin gara Galma Mootii Waan Maraa ol baye. Inni jecha Kitaaba Gondooro'oo ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggamee san mara kolba'aaf dubbise;
2CH 34:31 Mootichi Mootii Waan Maraa hordofiisaaf ajaja isaa, seerata isaatii fi seera isaa gadhaa tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin eegatiisaaf, Gondooroo kitaaba kana keessatti barreenfantelle'eef ajajamiisaaf, utubaa ifii bira dhaabbatee Mootii Waan Maraa duratti gondooroo godhe.
2CH 34:32 Achiin duuba namooti Yerusaalemii fi lafa Beniyaaminii keessaa dhufane marti Gondooroo tanatti akka wolii galanu godhe; namooti Yerusaalemii akkuma Waaqi abbootii isaanii ta durii isaan ajajetti Gondooroo tana muummessane.
2CH 34:33 Mootichi Yosiyaasille waaqota dharaa diqachiisaa mara biyya Israa'elii mara keessaa balleessee, namooti Israa'el keessatti dhaggamanu marti Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka Waaqonfatanu godhe. Haga inni lubbu'uun jiru isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii tajaajiliisa irraa duubatti hin deebine.
2CH 35:1 Yosiyaas Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraatiif Jila Irra Dabaramaa jilise. Ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti hoolichi Jila Irra Dabaramaa qalame.
2CH 35:2 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessa akka tajaajilanuuf hayyoota jajjabeessee, hujii hujii isaaniititti isaan ramade.
2CH 35:3 Lewwoota worra Israa'eloota mara barsiisanuu fi worra Mootii Waan Maraatiif woyyoomeen, «Saanduqa Gondooro'oo woyyittii ta Mootii Waan Maraa, Galma Mootii Waan Maraa ka ilmi Daawitii, mootiin Israa'elii Solomoon ijaare keessa keya'a malee, gurmuu teessan irratti hin ba'atina'a! Ammalle Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi kolbaa isaa Israa'el tajaajila'a!
2CH 35:4 Akkuma seera mootiin Israa'elii Daawitii fi ilmi isaa Solomoon barreessiisaan seera isinii dhaabanetti, akka maatii maatii abbootii teessaniititti kutaa kuta'aan tajaajilaaf qophowa'a.
2CH 35:5 Akka maatii maatii abbootii kolba'aa, obboleeyyan teessan worra kaaniititti, akka kutaa kutaa maatii abbootii Lewwootaatitti, addee woyyittii dhaabbadha'a.
2CH 35:6 Ifi woyyoonsa'aatii hoolee Jila Irra Dabaramaa qala'a; akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje, hoolee qalame san fira keessan kolbaa Israa'eliitiif qopheessa'a» jedhe.
2CH 35:7 Achiin duuba Yosiyaasiin mootichi Jila Irra Dabaramaatiif, loon ifii irraa, tika hoole'ee fi re'ee ifii irraa buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi supheelee re'e'ee kuma soddoma, dardaroota kuma sad kolbaa achitti wolitti qabante san maraaf kenne.
2CH 35:8 Sooressitooti isaalle fedha ifiitiin kolba'aaf, hayyootaa fi Lewwootaaf kennane. Sooreyyiin Galma Waaqaa Hilqiiyaan, Zakaariyaasii fi Yehii'el kennansa Jila Irra Dabaramaatiif dhikaatu hoole'ee fi re'ee'e kuma lamaa fi dhibba jaa, loon dhibba sad kennane.
2CH 35:9 Qondaaltoti Lewwootaa Konaaniya'aa fi obboleeyyan isaa Shemaa'iyaa fi Nataani'el, akkasuma Hashabiiyaan, Yeyi'elii fi Yozaabaad kennansa Jila Irra Dabaramaatiif hoole'ee fi re'ee'e kuma shan, loon dhibba shan Lewwootaaf kennane.
2CH 35:10 Hujiin marti yennaa qophootte akkuma mootichi ajajetti hayyooti addee ifiititti, Lewwootille addee addee ifii qabatanee tajaajilaaf dhaabbatane.
2CH 35:11 Hooloti Jila Irra Dabaramaa gorra'amanee, Lewwooti gogaa irraa baasiisatti adoo jiranuu, hayyooti dhiiga hoolotaa ka fuudhane san fiffixxe.
2CH 35:12 Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffametti, kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, akka maatii maatii abbootii isaaniititti kolba'aaf kenniisaaf adda baasane; dardaroota looniille akkasuma godhane.
2CH 35:13 Lewwooti akkuma ajajamanetti hoolee Jila Irra Dabaramaa san woddane; kennansa woyyicha san okkote'etti, ibido'oo fi disti'itti iffeelanee ariiti'iin kolba'aaf geessane.
2CH 35:14 Duubarra ifiif, hayyootaafille qopheessane; hayyooti sanyii Aaronii kennansa gubamuu fi cooma ciinceffamu haga galgalaatitti dhikeessaa waan turanuuf, Lewwooti ifii fi hayyoota sanyii Aaroniitiif kennansa Jila Irra dabaramaa qopheessane.
2CH 35:15 Faarsitooti sanyiin Asaafii akkuma Daawiti, Asaafi, Hemaanii fi Yedutuun raagichi mootichaa isaan ajajanetti addee ifii dhaabbatane; firri isaanii Lewwooti waan isaaniif barbaachisu waan isaaniif qopheessaneef, eeddoti karraa ta karra tokko tokko bira jiranu addee addee ifii hin lakkinne.
2CH 35:16 Maarre Jila Irra Dabaramaa jilifatiisaan, kennansa gubamu addee ciinca'aa irratti Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaan, akkuma mootichi Yosiyaas ajajetti hujiin Mootii Waan Maraa marti guyyuma san muummotte.
2CH 35:17 Yennaa san Israa'elooti addee sanitti dhaggamane Jila Irra Dabaramaa jilifatane; jila daabboo uukoo hin qanneelle guyyaa torba jilifatane.
2CH 35:18 Bara Saamu'elii raagichaatii jalqabanee Israa'el keessatti jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifantee hin beekanu; mootota Israa'elii keessa mootichi Yosiyaas hayyoota, Lewwoota, Yihudootaa fi Israa'eloota mara, kolbaa Yerusaalemii worra addee sanitti dhaggamane woliin Jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifatanee hin beekanu.
2CH 35:19 Jilti Irra Dabaramaa tun Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti jilifante.
2CH 35:20 Yosiyaas waan kana mara Galma Waaqaatiif hujeen duuba, mootiin Gibxi'ii Nekoon qachaa Karkemiishii ka laga Efraaxiisii biraatitti isa loliisaaf duule; Yosiyaasille isa loliisaaf baye.
2CH 35:21 Nekoon ammoo namoota isatti ergee, «Ee mootii Yihuda'aa! Anii fi ati maaf wol lolla? Ani diinota kiyya loliisaaf dhufe malee si loliisaafii moti; Waaqi akka ani ariifadhu na ajajeera, akka inni si hin balleessine Waaqa na woliin jiru kana hin mormin» jedhe.
2CH 35:22 Yosiyaas ammoo nama dhibii fakkaatee isa loliisaaf baye malee duubatti hin deebine; dirree Megidootitti isa loliisaaf dhaqe malee waan ajaja Waaqaatiin Nekoon isatti hime hin caqanne.
2CH 35:23 Worri guube'een lolu daayaan mooticha Yosiyaas woraane; innille tajaajiltoota ifiitiin, «Ani akka malee madoweera, na fuudha'aa deema'a» jedhe.
2CH 35:24 Maarre tajaajiltooti isaa sun garreettaa fardaan harkifamu ka isaa irraa isa buusanee, garreettaa isaa ka fardaan harkifamu ka dhibii keessa keyanee gara Yerusaalemii isa geessane. Inni achumatti du'ee addee awwaala abbootii ifii ta duriititti awwaalame. Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii marti Yosiyaasiif bowane.
2CH 35:25 Ermiyaasille faaruu gaddaa Yosiyaasiif baase; haga adhaalle faarfattooti dhiiraatii fi dubartootaa marti faaruu gaddaa ta ifii keessatti waan Yosiyaasii dubbatan. Wonni kun Israa'el keessatti akka seerataa teetee kitaabota wolaloo gaddaa keessatti barreeffanteerti.
2CH 35:26 Akkuma seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti wonni dhibiin ta mootichi Yosiyaas hujee fi hujiin isaa ta jaalala bara baraa,
2CH 35:27 hujiin isaa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreefanteerti.
2CH 36:1 Kolbaan Yihuda'aa ilma Yosiyaasii Yeho'ahaaz fuudhanee addee abbaa isaatitti Yerusaalem keessatti mootii godhane.
2CH 36:2 Yeho'ahaaz yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sad bulche.
2CH 36:3 Achiin duuba mootiin Gibxi'ii barcumaa mootumma'aa ka Yerusaalem jiru irraa isa buusee, kolbaan Yihuda'aa meetii kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur, worqii kiiloogiraamii soddomii afur gibira itti mure.
2CH 36:4 Mootiin Gibxi'ii Nekoon obboleessa Yeho'ahaazii Eliyaaqim Yerusaalemii fi Yihudaa irratti mootii godhee, maqaa isaalle jijjiiree «Yehoyaaqiim» jedhe. Obboleessa Eliyaaqimii Yeho'ahaaz ammoo gara Gibxi'ii geesse.
2CH 36:5 Yehoyaaqiim yennaa Yihudaa irratti mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii tokko bulche. Inni Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje.
2CH 36:6 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yihuda'atti duulee Yehoyaaqiim qabee gara Baabilonii isa geessiisaaf haachaba sageettu'uutiin hidhe.
2CH 36:7 Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa garii fuudhee mana mootummaa ifii ka Baabilon keessaa keessa keyate.
2CH 36:8 Wonni dhibiin ta mootichi Yehoyaaqiim huje, wonni diqachiittuun inni hujee fi wonni hantuun isatti dhufe marti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti; ilmi isaa Yehoyaakiin addee isaatitti mootii te'e.
2CH 36:9 Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sadii fi guyyaa kudhan bulche; innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
2CH 36:10 Woggaa keessa ji'a furmaataa Nebukadnezaariin mootichi namoota ergee, meya Galma Mootii Waan Maraa ka gatii guddo'oo woliin gara Baabilonii isa geesse. Achiin duuba obboleessa isaa ka abbaa diqqaa Zedeqiiya'aa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
2CH 36:11 Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa kudhanii tokko bulche.
2CH 36:12 Innille Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. Jecha Mootii Waan Maraa ka dubbate Ermiyaasii raagicha duratti gad hin jenne.
2CH 36:13 Nebukadnezaarii mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiise irratti finqila kaase. Inni ajajamuu didee, gadhaa jabaate malee gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin deebine.
2CH 36:14 Itti dabalanee qondaaltoti hayyootaatii fi kolba'aa ka hin addatanne te'anee aadaa diqachiittuu gosa biyya adda addaa hordofanee, Galma Mootii Waan Maraa ka inni Yerusaalem keessatti woyyoonfate batteessane.
2CH 36:15 Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii isaanii ta durii, kolbaa ifiitiif, Galma ifiitiifille marartii waan qabuuf, yennaa bacaa raagota ifii gara isaanii ergee, isaan ifi eeggachiiseeraayyu.
2CH 36:16 Isaan ammoo haga mufiin Mootii Waan Maraa ta jalaa bayanee hin dandeenne kolbaa isaatitti dhuttetti, ergantoota Mootii Waan Maraa irratti murganee, jecha isaalle tuffatanee raagota isaa salphisane.
2CH 36:17 Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootii Baabilonii isaan irratti kakkaasee, inni dargaggoota dhiira isaanii addee woyyittii keessatti shallaaga'aan ijjeese; ijoollee dhiiraatii fi ta durraa, jaarsa dulloome yookiin gergeshe maraafille gadhaa hin laanne. Mootiin Waan Maraa isaan mara harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne.
2CH 36:18 Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa gugurda'aa fi didiqqaa mara, qabeenna Galma Waaqaa, qabeenna mana mootumma'aatii fi qondaaltota mootichaa mara fudhatee gara Baabilonii geesse.
2CH 36:19 Isaan Galma Waaqaa ibiddaan gubanee, dalleya qachaa Yerusaalemiille diiganee, mana mootumma'aa isaa mara ibiddaan gubanee, meya gatii guddo'oo ka isaa mara balleessane.
2CH 36:20 Inni worra shallaagaa jalaa miliqee hafe booji'ee gara Baabilonii geessee, isaan haga mootummaan worra Faaresii dhaabantetti, tajaajiltoota mootichaatii fi ilmaan isaa te'ane.
2CH 36:21 Akkasiin jechi Mootii Waan Maraa ka karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatame muummowee, woggaa torbaatama haga isaan biyya itti booji'amane keessa le'anu kana mara latti ontee, foora Sanbataa ka woggaa torbaa ka dur dhadde dhaggatte.
2CH 36:22 Jechi Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummowu, mootiin Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yaadaa isaa kakkaase; tanaaf inni mootummaa ifii mara keessa lassii lassiisee, barreeffamaan baasee,
2CH 36:23 mootiin Faaresii Qiiros, «Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa, mootummaa biyya lafaa mara naaf kennee, Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaruuf na ajajeera; kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; innille gara Yerusaalemii dhaquu ti» jedhe.
EZR 1:1 Dubbiin Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummottu, mootichi Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, akka inni lassii lassiisee barreeffamalle'een baasu Mootiin Waan Maraa yaada isaa kakkaasee,
EZR 1:2 «Mootiin Faaresii Qiiros, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa mootummaa biyya lafaa mara na kenneera; Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaru na ajajeera.
EZR 1:3 Kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru mara, Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; inni gara qachaa Yerusaalemii ka Yihudaa keessa jiruu ol bayee, Waaqa achi jiruuf, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebisee ijaaruu ti.
EZR 1:4 Worri addee booju'uutitti hafe marti addee jiranu mara keessaa, kennansaa fedhii ifiitiin Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiruuf kennanuun ala, meeti'ii fi worqii, meyaa fi horii kenniisaan isa qarqaaranuu ti› jedheera» jedhe.
EZR 1:5 Achiin duuba maatii Yihuda'aatii fi Benyaaminii keessaa angafooti, hayyootii fi Lewwooti, nami Waaqi yaada isaa kakkaase marti dhaqee Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru deebisee ijaariisaaf qophowe.
EZR 1:6 Worri adaala isaanii jiru martinuu, kennansa fedhii ifiitiin kennanuun ala, meya meeti'ii fi worqii irraa hujame, meya adda addaa, meya gatii guddo'ootii fi horii kenniisaan isaan qarqaarane.
EZR 1:7 Kana maleelle mootichi Qiiros, meya Galma Waaqaa ka Nebukadnezaar Yerusaalemii fudhatee galma waaqota ifii keessa keyateeru gad baase.
EZR 1:8 Mootiin Faaresii Qiiros meya san namicha meya mana mootumma'aa eegu Miitradaatitti kennee, bulchaa Yihuda'aa ka te'e Sheshibazaar duratti akka laakkowamu kenne.
EZR 1:9 Mey laakkowame sun ka asii gad jiru: Qoriin gugurdoon worqii irraa hujante soddoma; Qoriin gugurdoon meetii irraa hujante kuma tokko; Qoriin dhibiin diddamii sagal;
EZR 1:10 Qoriin didiqqoon worqii irraa hujante soddoma; Qoriin didiqqoon meetii irraa hujante ta wol fakkaattu dhibba afurii fi kudhan. Mey adda addaa ka dhibiin kuma tokko.
EZR 1:11 Mey worqi'iitii fi meeti'ii wolumatti kuma shanii fi dhibba afur. Worri booji'ame Baabilon irraa gara Yerusaalemii yennaa deebi'e, Sheshibazaar meya kana mara fuudhee baye.
EZR 2:1 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar gara Baabilonii worra booji'e keessaa, worri gara qachoota ifii Yerusaalemii fi Yihuda'aa deebi'e isaan kana:
EZR 2:2 isaan sooressitoota ifii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiyaa, Seraayaa, Re'elaayaa, Mordekaayi, Biilshaan, Miisphaar, Biigwaayi, Rehuumii fi Ba'anaa woliin deebi'ane. Kolbaa Israa'elii keessaa worri boojuu irraa deebi'e, laakkossi isaanii asii gad jira:
EZR 2:3 Sanyiin Faareshii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama;
EZR 2:4 sanyiin Shephaaxiya'a dhibba sadii fi torbaatamii lama;
EZR 2:5 sanyiin Araa dhibba torbaa fi torbaatamii shan;
EZR 2:6 sanyii Fahat Mo'aabii keessaa sanyiin Iyaasu'uutii fi Yo'aabii kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudhanii lama;
EZR 2:7 sanyiin Elaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;
EZR 2:8 sanyiin Zaatu'uu dhibba sagalii fi afurtamii shan;
EZR 2:9 sanyiin Zakaayii dhibba torbaa fi jaatama;
EZR 2:10 sanyiin Baanii dhibba jaa fi afurtamii lama;
EZR 2:11 sanyiin Bebaayii dhibba jaa fi diddamii sad;
EZR 2:12 sanyiin Azigaadii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi diddamii lama;
EZR 2:13 sanyiin Adoniiqaamii dhibba jaa fi jaatamii jaa;
EZR 2:14 sanyiin Biigwaayii kuma lamaa fi shantamii jaa;
EZR 2:15 sanyiin Aadiinii dhibba afurii fi shantamii afur;
EZR 2:16 sanyii Ateerii keessaa sanyiin Hisqiyaasii sagaltamii saddeeti;
EZR 2:17 sanyiin Bezaayii dhibba sadii fi diddamii sad;
EZR 2:18 sanyiin Yoraa dhibba tokkoo fi kudhanii lama;
EZR 2:19 sanyiin Hashumii dhibba lamaa fi diddamii sad;
EZR 2:20 Sanyiin Gibaarii sagaltamii shan;
EZR 2:21 namooti qachaa Betlihemii dhibba tokkoo fi diddamii sad;
EZR 2:22 namooti qachaa Netofa'aa shantamii jaa;
EZR 2:23 namooti Anaatotii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti;
EZR 2:24 namooti Azmaawetii afurtamii lama;
EZR 2:25 namooti qachoota Kiriiyat-Ya'ariimii, Kefiiraa fi Be'erotii dhibba torbaa fi afurtamii sad;
EZR 2:26 namooti qachaa Raama'aatii fi Gebaa dhibba jaa fi diddamii tokko;
EZR 2:27 namooti qachaa Miikmaashii dhibba tokkoo fi diddamii lama;
EZR 2:28 namooti qachaa Bet'eliitii fi Aayii dhibba lamaa fi diddamii sad;
EZR 2:29 namooti qachaa Neboo shantamii lama;
EZR 2:30 namooti qachaa Magbiishii dhibba tokkoo fi shantamii jaa;
EZR 2:31 namooti qachaa Elaamii dhibi'ii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;
EZR 2:32 namooti qachaa Haariimii dhibba sadii fi diddama;
EZR 2:33 namooti qachaa Lodii, Haadiidiitii fi Onoo dhibba torbaa fi diddamii shan;
EZR 2:34 namooti qachaa Yeriko'oo dhibba sadii fi afurtamii shan;
EZR 2:35 namooti qachaa Sena'aa kuma sadii fi dhibba jaa fi soddoma.
EZR 2:36 Hayyooti boojuu irraa deebite: sanyii Yedaa'iya'aa keessaa maatiin Iyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sad;
EZR 2:37 sanyiin Iimerii kuma tokkoo fi shantamii lama;
EZR 2:38 sanyiin Phashihurii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba;
EZR 2:39 sanyiin Haariimii kuma tokkoo fi kudhanii torba.
EZR 2:40 Lewwooti boojuu irraa deebi'ane: sanyii Hodaawiyaa keessaa sanyiin Iyaasu'uutii fi Qadmii'elii torbaatamii afur;
EZR 2:41 faarsitooti: sanyiin Asaafii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti;
EZR 2:42 Eeddoti karra Galma Waaqaa: sanyiin Shaalumii, sanyiin Ateerii, sanyiin Xalmoonii, sanyiin Aquubii, sanyiin Haxiixa'aatii fi sanyiin Shabaayii wolumatti dhibba tokkoo fi soddomii sagal.
EZR 2:43 Tajaajiltooti Galma Waaqaa ta boojuu irraa deebite: sanyii Ziihaa, sanyii Hasufaa, sanyii Xabaa'otii,
EZR 2:44 sanyii Qerosii, sanyii Sii'eha'aa, sanyii Faadonii,
EZR 2:45 sanyii Lebaana'aa, sanyii Hagaaba'aa, sanyii Aquubii,
EZR 2:46 sanyii Hagaabii, sanyii Shalmaayii, sanyii Haanaanii,
EZR 2:47 sanyii Giidelii, sanyii Gahaarii, sanyii Re'aaya'aa,
EZR 2:48 sanyii Resiinii, sanyii Neqoda'aa, sanyii Gaazaamii,
EZR 2:49 sanyii Uza'aa, sanyii Faaseha'aa, sanyii Besaayii,
EZR 2:50 sanyii Asina'aa, sanyii Me'unoota'aa, sanyii Nefusiimii,
EZR 2:51 sanyii Baqbuqii, sanyii Haqufa'aa, sanyii Harhurii,
EZR 2:52 sanyii Baslutii, sanyii Mehiida'aa, sanyii Harisha'aa,
EZR 2:53 sanyii Baarqosii, sanyii Siisera'aa, sanyii Taamaa,
EZR 2:54 sanyii Nesiiya'aatii fi sanyii Haxiifa'aa ti.
EZR 2:55 Sanyiin tajaajiltoota Solomoonii ta boojuu irraa deebite: sanyii Soxaayii, sanyii Hasoferetii, sanyii Faruda'aa,
EZR 2:56 sanyii Ya'ala'aa, sanyii Daarqonii, sanyii Giidelii,
EZR 2:57 sanyii Shefaaxiya'aa, sanyii Haxiilii, sanyii Fokeretii, sanyii Hasbaayimiitii fi Amii ti.
EZR 2:58 Sanyiin tajaajiltoota Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii wolumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama.
EZR 2:59 Worri qachaa Tel-Melaatii, worri qachaa Tel-haareshaatii, worri qachaa Keruubii, worri qachaa Adaaniitii fi Iimeriitii bayanee dhufane, sanyiin isaanii Israa'eloota akka teete mirkaneessiisa hin dandeenne.
EZR 2:60 Isaanille sanyiin Delaaya'aa, sanyiin Xobiiya'aatii fi sanyiin Neqoda'aa dhibba jaa fi shantamii lama.
EZR 2:61 Hayyoota keessaa, sanyii Habaaya'aa, sanyii Haqoziitii fi sanyii Baarzilaayii ti; Berziilaayi intala Baarzilaayii Giil'aadichaa fuudhee maqaa kanaan waamame.
EZR 2:62 Isaan kun worra akka hidda dhaloota isaaniititti barreeffamane keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef, akka battootaatitti laakkowamanee, tajaajila hayyumma'aa irraa dhooggamane.
EZR 2:63 Bulchaan biyyaa, haga hayyichi Uriimii fi Tumiimiin fedha Waaqaa gaafatiisa dande'u dhaggamutti, sagalee irraa caalaa woyyittii akka hin nyaanne isaan ajaje.
EZR 2:64 Laakkossi namoota boojuu irraa deebi'anee wolumatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama;
EZR 2:65 kana maleelle tajaajiltooti isaanii dhiiraa fi dubartiin kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; faarsitooti isaanii dhiiraa fi dubartiin dhibba lama;
EZR 2:66 Fardoon isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaa; Gaangoleen isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan;
EZR 2:67 Gaaloti isaanii dhibba afurii fi soddomii shan; Harreeleen isaanii kuma jaa fi dhibba torbaa fi diddama.
EZR 2:68 Worri boojuu irraa deebi'e Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa yennaa geyane, sooreyyiin maati'ii gariin Galmi Waaqaa addee duriititti deebi'ee akka ijaaramu qarqaariisaaf, fedhii ifiitiin kennansa kennane.
EZR 2:69 Isaan hujii Galma Waaqaatiif, akka dandeettii isaaniititti wolumatti worqii gara kiiloogiraama dhibba shanii, meetii gara kiiloogiraama kuma sadiitii fi woyaa hayyooti uffattu dhibba tokko kennane.
EZR 2:70 Hayyooti, Lewwooti, namooti dhibiille, faarsitooti, eeddoti karraatii fi tajaajiltooti Galma Waaqaa qachoota ifii keessa qubatane. Israa'elooti hafanelle qachootuma ifii keessa qubatane.
EZR 3:1 Israa'elooti qachoota ifiititti galanee, ji'i torbeesso'oo yennaa geye, kolbaan marti Yerusaalem keessatti wolitti qabante.
EZR 3:2 Achiin duuba ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, hayyooti akka isaa, Zarubaabeliin ilmi She'altii'eliitii fi obboleeyyan isaa, akkuma seera Muusee nama Waaqaa keessatti barreenfatte, kennansa gubamu irratti dhikeessiisaaf, addee ciinca'aa ta Waaqa Israa'elii ijaariisa jalqabane.
EZR 3:3 Isaan kolbaa adaala sanii waan sodaataneef, addee ciinca'aa san hundee isi'ii ta durii irratti deebisanee ijaaranee, kennansa gubamu addee ciinca'aa san irratti ganamaa fi galgala Mootii Waan Maraatiif dhikeessane.
EZR 3:4 Achiin duuba kennansa gubamu ka guyyaa guyya'aaf barbaachisu dhikeessiisaan, akkuma laakkossa barreeffameetitti jila gose'ee jilifatane.
EZR 3:5 Kanaan duuballe kennansa gubamu ka guyyaa maraa, ciincaa baatii ji'aa, ciincaa jila woyyittii Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu fi kennansa fedhii ifiitiin nami Mootii Waan Maraatiif kennulle dhikeessane.
EZR 3:6 Hundeen Galma Waaqaa keyamuu dhaddulle, isaan ji'a torbeesso'ootitti guyyaa qaraa ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa jalqabane.
EZR 3:7 Kolbaan worra dhakaa bocuu fi worra muka bocuufiille beesee kennite; akkasuma akka ajaja Qiirosii mooticha Faaresiititti jigeessa hindheensa Libaanosii haga Yophe'eetitti abbaayaa irra akka fidanuuf, namoota Sidooniitii fi Xiiroosiitiifille sagalee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa kennane.
EZR 3:8 Gara Yerusaalemii addee Galmi Waaqaa dur jiru sanitti deebi'anee woggaa lammeesso'oo, ji'a lammeesso'ootitti, ilmi She'altii'elii Zerubaabel, ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, kolbaan dhibiille, hayyootii fi Lewwooti, worri boojuu irraa gara Yerusaalemii deebi'e martinuu hujii jalqabane. Hujii ijaarsa Galma Waaqaa irra deddeemanee akka toowatanu, Lewwoota woggaa diddamaatii fi woggaa diddamaa olii mara filatane.
EZR 3:9 Iyaasuun ilmaan ifiitii fi obboleeyyan ifii, Qadmii'elii fi ilmaan Qadmii'elii ta sanyii Hodaawiya'aa, ilmaan Henaadaadiitii fi ilmaan isaanii, obboleeyyan isaaniille woliin, Lewwooti marti worra Galma Waaqaa ijaaru toowatiisaaf wolitti dabalamanee itti gaafatamummaa fudhatane.
EZR 3:10 Worri ijaaru hundee Galma Mootii Waan Maraa yennaa keyane, akkuma mootichi Israa'elii Daawiti ajajetti, hayyooti woyaa hayyummaa ifii uffatanee, tultullaalle qabatanee, Lewwooti ilmaan Asaafii sibiila qilillisu qabatanee, Waaqa leellifatiisaaf, addee addee ifii qabatane.
EZR 3:11 Isaan faaru'uun, «Waaqi dansa'a; jaalalli isaa ka bara baraa ka inni Israa'eliif qabu haga bara baraa ti» jedhanee, Mootii Waan Maraa leellifatanee galateeffatane. Hundeen Galma Mootii Waan Maraa waan dhaabateef, kolbaan marti gammaddee, qoonqoo ifii ol qabattee Mootii Waan Maraa leellifatte.
EZR 3:12 Maanguddooti hayyootaa, Lewwootaatii fi sooreyyiin maati'ii worri Galma Mootii Waan Maraa ka durii dhagganeeranu marti, yennaa hundee Galma Mootii Waan Maraa kana dhaggane, qoonqoo guddo'oon bowane; namooti dhibiin hedduun ammoo qoonqoo ifii ol qabatanee gammadaan ilillisane.
EZR 3:13 Namooti qoonqoo guddisanee ol qabatanee waan hogisaneef, nami tokkolle ililleettii gammadaatii fi qoonqoo bowiisaa dande'ee gargar hin baafanne. Qoonqoolle fago'otti dhage'ante.
EZR 4:1 Worri boojuu irraa deebi'e, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ijaariisatti akka jiranu, diinoti Yihuda'aatii fi Beniyaaminii yennaa dhage'ane,
EZR 4:2 gara Zerubaabeliitii fi sooreyyii maati'ii dhaqanee, «Nuutille akkuma keessan Waaqa keessan waaqonsuu barbaanna; haga bara Esaar-hadon mootiin biyya Asoorii as nu fidee jalqannee, Waaqa keessaniif ciincaa dhikeessaa turre; tanaaf, Galma Waaqaa isin woliin ijaaruu ti» jedhane.
EZR 4:3 Zerubaabel, Iyaasu'uu fi sooreyyiin maatii Israa'elii ammoo deebisanee, «Isin Galma Waaqa keennaa nu woliin ijaariisaaf qooda hin qaddanu; akkuma mootichi Faaresii Qiiros nu ajaje, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galmaa Waaqaa ka ijaaru nu qofa» jedhane.
EZR 4:4 Achiin duuba kolbaan lafa san keessa leetu, Yihudoota addii kutachiisanee akka isaan Galma Waaqaa hin ijaarre sodaachisane.
EZR 4:5 Bara bulchiinsa mootii Faaresii Qiirosiitiin jalqabee haga bulchiinsa mootii Faaresii Daariyosiititti, namoota karoora ijaarsa isaanii gufachiisu itti bitane.
EZR 4:6 Jalqaba bulchiinsa Ahashiwerosiititti, diinoti kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mormiisaaf himannoo barreessane.
EZR 4:7 Bara bulchiinsa mootii Faaresii Artashaastaatitti Biishlaam, Miitradaat, Xaabe'elii fi worri isaan woliin jiru gara Artashaasta'aa xalayaa barreessane; xalayaan sun qubee Aaramiitiin barreeffamee afaan Aaramiititti hiikame.
EZR 4:8 Bulchaan Rehuumii fi barreessaan bulcha'aa Shiimshaay akka asii gad jirutti xalayaa Yerusaalem mormu gara mooticha Artashaasta'aa barreessane:
EZR 4:9 Xalayaan sun bulchaa Rehuum, barreessaa bulcha'aa Shiimshaay, worra isaan woliin huju abbootii mura'aatii fi qondaaltota, Faaresii, Erekii, Baabiloniitii fi worra Elaamii ka Suusaa keessaa,
EZR 4:10 akkasuma kolbaa worra dhibii ka Osnaapheriin guddichii fi hunnaamessi booji'ee qachaa Samaariya'aatii fi kutaa biyyaa ka laga Efraaxiisiitiin gama qubachiise irraa barreeffame.
EZR 4:11 Garagalchi xalayaa kanaa: «Tajaajiltoota teeti worra laga Efraaxiisiitiin gara seensa adu'uu jiru irraa, mooticha Artashaasta'aaf!
EZR 4:12 Yihudooti si biraa gara keenna dhufane, Yerusaalem dhaqanee qachaa worra finqila'aatii fi hama'aa deebisanee ijaariisatti jiran; dalleya isi'ii deebisanee ijaariisatti, hundee isi'iille dhaabiisatti jiran. Kun si mooticha biratti beekkamuu ti.
EZR 4:13 Qachaan kun yoo ijaarame, dalleenni isaalle yoo deebi'ee ijaarame, kolbaan Yerusaalemii gibiraa fi qaraxa, beesee waan adda addaatiif baasanu hin dhooggatan; tanaaf galiin mootumma'aa akka diqqaattu, si mooticha biratti beekkamuu ti.
EZR 4:14 Nuuti bu'aa mana mootumma'aa irraa waan dhagganuuf, salphinna keeti dhaggaa cadhinnee ilaaluu waan hin barbaanneef, waan kana akka ati beettuuf xalayaa kana sitti ergine.
EZR 4:15 Maarre galmeen abbootii teetii ta durii, qorqorantee ilaalantuu ti; qachaan kun qachaa finqilaa, ka moototaa fi kutaa biyyaa rakkise; durumaa jalqabee addee worri finqilaan keessa le'u akka te'e atinuu hin dhaggita; qachaan kun sababa kanaaf bade.
EZR 4:16 Qachaan kun yoo ijaarame, dalleenni isaalle deebi'ee yoo ijaarame, ati laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuun lafa ijjumaa akka hin qabaanne beeki» ka jedhu.
EZR 4:17 Mootichi Artashaastaan deebii ergee, «Bulchaa Rehuumiif, barreessaa Shiimshaayiif, worra isaan woliin huju ka Samaariyaa keessa le'anuu fi akkasuma worra laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu le'anuuf, nageenni isiniif te'u.
EZR 4:18 «Xalayaan isin ergitane hiikamee na duratti dubbifameera;
EZR 4:19 anille akka qorqoranu isaan ajajee, qachaan Yerusaalemii duriinuu jalqabee dabarsii dheertuu ka mootota irratti finqila kaasu, ka finqillii fi rakkinni keessa guute akka te'e dhaggeera.
EZR 4:20 Yerusaalem mootota jajjaba biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiranu bulchu ka gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif buusanu guuru qaddiiyyu.
EZR 4:21 Tanaaf, haga ani ajajutti, qachaan kun deebi'ee akka hin ijaaranne, namooti hujii akka dhaabbachiisanu ajaja'a.
EZR 4:22 Waan kana akka waan kaso'oo akka hin ilaalle ifi eeggadha'a! Wonni mootummaa miidhu, maaf guddataa deema ree?» jedhe.
EZR 4:23 Akkuma yaadi xalayaa mooticha Artashaastaa irraa dhufe, Rehuum, barreessaa Shiimshaayii fi worra isaan woliin hujuuf dubbifameen, yoosuma gara Yihudoota Yerusaalem keessa jiranuu dhaqanee, hunnaan hujii dhaabbachiisane.
EZR 4:24 Maarre Daariyos mootii Faaresii te'ee haga woggaa lammeesso'ootitti, hujiin Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa dhaabbate.
EZR 5:1 Yennaa san raagichi Haage'ee fi Zakaariyaasiin raagichi sanyii Iddoo Yihudoota Yerusaalemii fi lafa Yihuda'aa le'anuuf, maqaa Waaqa Israa'eliitiin raaga dubbatane.
EZR 5:2 Achiin duuba ilmi She'altii'elii Zerubaabelii fi ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun, Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa deebisanee ijaariisa jalqabane; raagoti Waaqaalle isaan qarqaariisaaf isaan woliin jiraniiyyu.
EZR 5:3 Yennaa san Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worri isaan woliin huju dhufanee, «Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dalleya kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje» jedhanee isaan gaafatane.
EZR 5:4 Isaan, «Maqaa namoota ijaarsa kana ijaariisatti jiranuu eennu fa'a» jedhanee gaafatane.
EZR 5:5 Ammoo Waaqi isaanii maanguddoo sooreyyii Yihudootaa eegiisatti jiraayyu; dubbiin Daariyos bira geettee deebiin barreeffamaan haga deebitutti ijaariisa isaan hin dhooggine.
EZR 5:6 Garagalchi Xalayaa Taatenaayii bulchaa kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worra isaan woliin hujuu, ka laga Efraaxiisiitiin gama gara aduun seentu biraa gara Daariyosii ergame kana:
EZR 5:7 «Mooticha Daariyos, nageenni si'iif te'u!
EZR 5:8 Nuuti gara kutaa biyya Yihuda'aa, gara Galma Waaqa gudda'aa akka dhandhe si mooticha biratti beekkamuu ti; kolbaan Galma Waaqaa keessa dhakaa gugurda'aa fi xawulaa mukaatiin dhaaba Galma Waaqaa deebittee ariiti'iin jabaattee ijaariisatti jirti.
EZR 5:9 «Nuutille, ‹Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dhaaba Galma Waaqaa kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje?› jennee sooreyyii kolba'aa gaafanne.
EZR 5:10 Nuuti ammalle sooreyyiin hujii tanaa eennu fa'a akka te'ane barreessinee sitti beessisiisaaf, maqaa isaanii gaafanne.
EZR 5:11 «Isaanille deebisanee, ‹Nuuti tajaajiltoota Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti; Galma Waaqaa ka mootiin Israa'elii guddaan bara heddu'uun dura ijaaree fixe deebinnee ijaariisatti jirra.
EZR 5:12 Abbootiin teenna ta durii ammoo Waaqa ol-gubba'aa waan mufachiitteef, innille nama biyya Kaldootaa mootii Baabilonii Nebukadnezaaritti dabarsee isaan kenne; innille Galma Waaqaa diigee, kolbaalle gara Baabilonii booji'e.
EZR 5:13 Te'uu malee, Qiiros mootii Baabilonii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti Galmi Waaqaa kun akka deebi'ee ijaaramuuf ajaje.
EZR 5:14 Inni meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Galma Waaqaa, ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee, galma waaqota dharaa ka worra Baabilonii keessa keyeeru, gad baase; achiin duuba meya san namicha akka inni biyya Yihuda'aa bulchuuf filate, Sheshbazaaritti kenne.
EZR 5:15 Qiiros: Galmi Waaqaa Yerusaalem keessatti addee ifii ta duriititti deebifamee ijaaramuu ti. Atille meya kana fuudhiitii Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaatitti deebisi! jedhee isatti hime.
EZR 5:16 Maarre Sheshbazaariin kun dhufee hundee Galma Waaqaa Yerusaalem keessatti dhaabe; yennaa sanii jalqabee haga ammaatitti ijaaramiisatti jira; haga ammaa ammoo hin hobbaane› jedhane.
EZR 5:17 «Amma yoo si mooticha gammachiitte, Galmi Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee akka ijaaramuuf, mooticha Qiiros irraa ajaji bayee yoo jiraate, galmeen mana meya mootumma'aa ka Baabilon keessaa ilaalantuu ti! Waan dubbii tanaa murtee teeti nuuf ergi» ka jedhu.
EZR 6:1 Maarre mootichi Daariyos galmee mana meya mootummaa Baabilonii keessaa akka qorqoranu ajaje.
EZR 6:2 Kitaab maramaan tokko kutaa biyyaa Medoon keessatti mana mootumma'aa qachaa Ahimaata'aatitti dhaggame; wonni isa keessatti barreeffameeru asii gad jirti: Gabaassi barreeffamaa:
EZR 6:3 «Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti marroo Galma Waaqaa ka dur Yerusaalem keessa jiruutiif ajaja baasee, ‹Galmi Waaqaa akka ciincaan itti ciinceffamuuf, deebifamee akka ijaaramu hundeen isaa keyamuu ti; dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaalle ciqilee jaatama te'uu ti.
EZR 6:4 Tarreen sad dhakaa gugurda'aan naqamee, tarreen tokko xawulaan naqamee ijaaramuu ti! Gatiin isaalle beesee mana mootumma'aa keessaa kaffalamuu ti.
EZR 6:5 Akkasuma meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee gara biyya Baabiloniititti geesse, addee isaaniititti deebifamanuu ti; Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessa keyamanuu ti› jedheera» ka jedhu.
EZR 6:6 Achiin duuba Daariyos, «Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaay, isin worri isaan woliin hujjanulle, Galma Waaqaa san irraa fagaadha'a!
EZR 6:7 Hujii Galma Waaqaa keessa hin galina'a! Galma Waaqaa kana bulchaan Yihudootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa addee inni dur jirutti deebisanee ijaaranuu ti.
EZR 6:8 Kana maleelle, deebisanee ijaariisa Galma Waaqaa kanaaf jaarsolee Yihudootaa tanaaf isin maan akka gootanu isin ajaja; hujiin Galma Waaqaa akka hin dhaabbanne, beesee worri kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiru, mootumma'aaf gibira gabbare keessaa, ariiti'iin wonni isaaniif barbaachisu guutumatti isaaniif kaffalamuu ti!
EZR 6:9 Waaqa ol-gubba'aatiif kennansa gubamu dhikeessiisaaf, waan barbaachisu mara dardaroota, korbeeyyii hoole'ee, yookiin korbeeyyii buruusoo hoole'ee akkasuma qamadii, soodda, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa guyyuma guyya'aan hayyoota Yerusaalemiitiif kennamanuu ti.
EZR 6:10 Isaan ciincaa Waaqi ol-gubba'aa gammadaan fudhatu dhikeessanee, anaa fi jiruu ijoollee tiyyaatiif akka daadimatanuuf kun godhama.
EZR 6:11 Ajaja kana nami jijjiiru yoo jiraate, utubaan mana isaa keessaa buqqifamee, nami sun irratti dirmisiifamuu ti; sababa yakkaa isaatiif manni isaalle diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u ani ajajeera.
EZR 6:12 Mootota yookiin gosa biyya adda addaa ta ajaja kana jijjiiriisaaf yookiin mana Waaqaa ka Yerusaalem keessaa kana diigiisaaf wodhaananu, Waaqi Yerusaalem lafa maqaan isaa itti waamamu godhee filate, isaan garagalchuu ti! Ani Daariyos ajaja kana baaseera; ajaji kunille akkuma jirutti hujii irra ooluu ti» jedhe.
EZR 6:13 Achiin duuba akkuma mootichi Daariyos ajaja dabarsetti Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaayii fi worri isaan woliin huju waan mara hobbaasane.
EZR 6:14 Maarre Jaarsoleen Yihudootaa raaga raagicha Haage'eetii fi raagicha Zakaariyaasii sanyii Iddootiin jajjabaataa Galma Waaqaa ijaariisa itti fufane; isaan akkuma ajaja Waaqa Israa'eliitii fi akkuma ajaja mootota Faaresii Qiiros, Daariyosii fi Artashaasta'aatitti hujii Galma Waaqaa hobbaasane.
EZR 6:15 Galmi Waaqaa kun Daariyos mootii te'ee woggaa jayeesso'ootitti, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa sadeesso'ootitti ijaaramee hobba'e.
EZR 6:16 Achiin duuba kolbaan Israa'elii, hayyooti, Lewwootii fi worri kuun ka boojuu irraa deebi'ane, guyyaa Galmi Waaqaa itti eebbifame gammada gudda'aan jilifatane.
EZR 6:17 Isaan eebba Galma Waaqaa kanaaf jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoole'ee dhibba lama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee dhibba afur, ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatuufille Israa'el duudi'iif, akka laakkossa gosa Israa'eliititti korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama dhikeessane.
EZR 6:18 Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffame hayyoota akkuma qooda isaaniititti, Lewwootalle akkuma golii isaaniititti, Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessatti, tajaajila Waaqaatiif ramadane.
EZR 6:19 Worri boojuu irraa deebi'e, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti Jila Irra Dabaramaa jilifatane.
EZR 6:20 Hayyootii fi Lewwooti ifi qulqulleeffatane; isaan martinuu akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqullowane. Maarre Lewwooti worra boojuu irraa deebi'eef, hayyoota obboleeyyan ifiitiif, ifille'eef hoolee Irraa Dabaramaa qalane.
EZR 6:21 Maarre sagalee Jila Irra Dabaramaa san Israa'elooti boojuu irraa deebi'ane, worra Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii waaqonfatiisaaf battummaa worra Yihudoota hin te'inii ka lafa san jiranu irraa addaan ifi baasane mara woliin nyaatane.
EZR 6:22 Akka inni hujii Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii isaan qarqaaruuf, Mootiin Waan Maraa gadhaa mooticha Asoorii gara isaanii deebisee, waan isaan gammachiiseef, jila daabboo uukoo hin qannee guyyaa torba gammada gudda'aan jilifatane.
EZR 7:1 Waan kanaan duuba bara bulchiinsa Artashaastaa mootii Faaresii, Izraan ilmi Seraaya'aa, Seraayaa ilma Azaariya'aa, Azaariyaa ilma Hilqiiya'aa,
EZR 7:2 Hilqiiyaa ilma Shaalumii, Shaalumii ilma Zaadoqii, Zaadoqii ilma Ahiixubii,
EZR 7:3 Ahiixubii ilma Amaariya'aa, Amaariyaa ilma Azaariya'aa, Azaariyaa ilma Meraayootii,
EZR 7:4 Meraayootii ilma Zeraaya'aa, Zeraayaa ilma Uzii, Uzii ilma Bukii,
EZR 7:5 Bukii ilma Abiishuwaa, Abiishuwaa ilma Fiineshaasii, Fiineshaasii ilma Ele'azaarii, Ele'azaarii ilma hayyicha guddaa Aaronii,
EZR 7:6 Baabilon irraa gara Yerusaalemii dhufe; inni beekkicha seera Mootii Waan Maraa Waaqi Israa'elii Muuse'eef kenne akka dansaa ka beeku barsiisaa seeraa ti. Hunni Mootii Waan Maraa Waaqa isaa waan isa woliin jirtuuf, waan inni gaafate mara mootichi isaaf kenne.
EZR 7:7 Artashaastaan mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti Izraan Israa'eloota garii, hayyoota garii, Lewwoota garii, faarfattoota garii, worra karra eegu gari'ii fi worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanu garii woliin Yerusaalem dhaqiisaaf ka'e.
EZR 7:8 Artashaastaan mootii te'ee ji'a shaneesso'ootitti Izraan Yerusaalem geye.
EZR 7:9 Hunni Waaqaa dansaan isa woliin waan jirtuuf, ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti Baabilonii ka'ee, ji'a shaneesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti Yerusaalem geye.
EZR 7:10 Izraan seera Waaqaa qorqoree hujii irra oolchiisaaf, akkasuma ajaja Waaqaa, seeraa fi sirna Waaqaa kolbaa Israa'elii duudii barsiisiisaaf jiruu ifii duudii kenneera.
EZR 7:11 Garagalchi xalayaa mootichi Artashaastaan, Izraa hayyicha barsiisaa, ka ajajaa fi seera Mootiin Waan Maraa Israa'elootaaf kenne mara beekuuf kenne asii gad jira:
EZR 7:12 garagalchi xalayaa kanaa, «Artashaastaa mootii moototaa irraa, gara Izraa hayyicha barsiisaa seera Waaqa ol-gubba'aa ka te'eef; nageenni si'iif te'u!
EZR 7:13 Israa'elooti mootummaa tiyya keessa jiranu, hayyootii fi Lewwooti worri si woliin gara Yerusaalemii deemiisa barbaadanu marti akka deemanu ajajeera.
EZR 7:14 Akka ajaja Waaqa keetii ka harka keeti jiruutitti, marroo Yihuda'aatii fi marroo Yerusaalemii akka qorqortuuf ani mootichii fi gorsitooti tiyya torba si ergineerra.
EZR 7:15 Kana maleelle, ati meeti'ii fi worqii ani mootichii fi gorsitooti tiyya fedha keennaan Waaqa Israa'elii, ka Galmi isaa Yerusaalem keessa jiruuf kennine,
EZR 7:16 meeti'ii fi worqii kutaa biyya Baabilonii keessaa dhaggattu maralle, kennansa kolbaan Israa'eliitii fi hayyooti fedha ifiitiin Galma Waaqa ifii ka Yerusaalem keessa jiruuf kennitu mara fuudhii deemi.
EZR 7:17 Beesee tanaan dardaroota, korbeeyyii hoole'ee, buruusoo korbeeyyii hoole'ee, kennaa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii bitiitii addee ciinca'aa ta Galma Waaqa keetii ka Yerusaalem keessaa irratti ciincaa dhikeessi.
EZR 7:18 Meeti'ii fi worqii hafaneen, atii fi obboleeyyan teeti Yihudooti akka fedha Waaqa keessanii waan isin gammachiise huja'a.
EZR 7:19 Galma Waaqa keetii keessatti akka ittiin tajaajilamu meya sitti kenname maraayyuu Waaqa Yerusaalem jiruuf dhikeessi.
EZR 7:20 Kana maleelle waan Galma Waaqa keetiitiif barbaachisu maraaf, mana meya mootumma'aa keessaa baafadhu.
EZR 7:21 «Izraan hayyichi, beekkichi seera Waaqa ol-gubba'aa waan isin gaafate, akka isaaf kennitanu, ani Artashaastaan mootichi, itti gaafatantoota mana meya mootumma'aa worra laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtanu mara ajajeera.
EZR 7:22 Kunille meetii haga kiiloo kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii haga kiiloo kuma kudhanii, daadhii woyni'ii haga litirii kuma lamaa, zayitii ejersaa haga litirii kuma lamaatii fi soodda haga barbaachise kenna'aaf.
EZR 7:23 Wonni Waaqi ol-gubba'aa ajaje marti, ifi eegganna'aan Galma Waaqa ol-gubba'aatiif godhamuu ti! Ana mootichaa fi ijoollee tiyyatti mufiin maaf dhutti ree?
EZR 7:24 Akkasuma isin hayyootatti, Lewwootatti, faarfattootatti, eeddota karraatitti, tajaajiltoota Galma Waaqaa yookiin worra Galma Waaqaa keessa huju irratti gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif baasanu itti buusuu baallii akka hin qanne beeka'a.
EZR 7:25 Atille Izraan, qarummaa Waaqi sii kenneen, kolbaa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtu mara akka bulchanuuf, abbootii seeraatii fi abbootii mura'aa ka seera Waaqa keetii beekanu filiif! Worra seera hin beenne atinuu barsiisi!
EZR 7:26 Seera Waaqa keetiitii fi seera mootumma'aatiifiille ka hin ajajanne marti du'aan yookiin biyyaa baafamiisaan yookiin saamamiisaan yookiin hidhamiisaan adabamuu ti!» ka jedhu.
EZR 7:27 Izraan, «Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiruuf, akka inni ulfinna kennu, yaada kana ka gadhaa mootichaa keessa keye, Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teennaa leellifamuu ti!
EZR 7:28 Inni mooticha, gorsitoota mootichaatii fi qondaaltota mootichaa hunnaameyyii mara duratti, fudhatama akka dhaggadhu na godheera; hunni Mootiin Waan Maraa Waaqa kiyyaa waan na woliin jiraatteef, jajjabaadhee, sooreyyii Israa'elii na woliin akka ol deemanu wolitti qabadhe» jedhe.
EZR 8:1 Bara bulchiinsa mooticha Artashaasta'aa sooressitooti maati'ii ka ana Izraa woliin Baabilon keessaa bayanee fi ka isaan woliin galmowane ka asii gadi jiranu:
EZR 8:2 sanyii Fiinehaasii keessaa, Gerishoom; sanyii Itaamaarii keessaa, Daani'el; sanyii Daawitii keessaa, Haxushi
EZR 8:3 sanyii Shekaaniya'aa ti; sanyii Faaroshii keessaa, Zakaariyaas; isa woliin dhiira dhibba tokkoo fi shantamatti galmeeffame.
EZR 8:4 Sanyii Phaahat-Mo'aabii keessaa, Elyo'enaayii ilma Saraaya'aa ti; isa woliin dhiira dhibba lamatti galmeeffame.
EZR 8:5 Sanyii Zaatu'uu keessaa, Shekaaniyaa ilma Yehaazii'elii ti; isa woliin dhiira dhibba saditti galmeeffame.
EZR 8:6 Sanyii Aadiinii keessaa, Ebeedii ilma Yonaataanii ti; isa woliin dhiira shantamatti galmeeffame.
EZR 8:7 Sanyii Elaamii keessaa, Yeshaa'iyaa ilma Ataaliya'aa ti; isa woliin dhiira torbaatamatti galmeeffame.
EZR 8:8 Sanyii Shefaaxiya'aa keessaa, Zebaadiyaa ilma Mikaa'elii ti; isa woliin dhiira saddeettamatti galmeeffame.
EZR 8:9 Sanyii Yo'aabii keessaa, Obaadiyaa ilma Yehii'elii ti; isa woliin dhiira dhibba lamaa fi kudhanii saddeetitti galmeeffame.
EZR 8:10 Sanyii Baanii keessaa, Shelomiitii ilma Yosiifiya'aa ti; isa woliin dhiira dhibbaa fi jaatamatti galmeeffame.
EZR 8:11 Sanyii Bebaayii keessaa, Zakaariyaasii ilma Bebaayii ti; isa woliin dhiira diddamii saddeetitti galmeeffame.
EZR 8:12 Sanyii Azigaadii keessaa, Yohaannaanii ilma Haqaaxanii ti; isa woliin dhiira dhibbaa fi kudhanitti galmeeffame.
EZR 8:13 Sanyii Adoniiqaamii keessaa, worri duuba irra dhufane Eliifelex, Ye'ii'elii fi Shemaa'iya'a; isaan woliin dhiira jaatamatti galmeeffame.
EZR 8:14 Sanyii Biigbaayii keessaa, Utaayii fi Zaakur; isaan woliin dhiira torbaatamatti galmeeffame.
EZR 8:15 Ani Izraan laga gara qachaa Ahawaatitti yaa'u biratti isaan wolitti qabee, addee quttumaa san guyyaa sad turre. Ani kolba'aa fi hayyoota yennaa toowadhe, Lewwoota achitti hin dhaggine.
EZR 8:16 Tanaaf sooreyyii Elii'ezer, Arii'el, Shemaa'iyaa, Elnaataan, Yaariib, Elnaataan, Naataan, Zakaariyaasii fi Meshulaam akkasuma worra qaroolee Yoyaariibii fi Elnaataan waansisee,
EZR 8:17 isaanille dhaqanee worra Galma Waaqa keennaa keessa tajaajilu akka nuu fidanuuf, gara Iddoo sooressaa kolbaa lafa Kasiifa'aatii fi gara obboleeyyan isaa worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanuu isaan erge.
EZR 8:18 Hunni Waaqaa guddoon nu woliin waan jirtuuf, isaan sanyii Mahaalii sanyii Lewwii ilma Israa'elii ka te'e nama hubataa «Sherebiiyaa» jedhamu tokko ilmaan isaatii fi obboleeyyan isaa woliin dhiira kudhanii saddeeti gara keenna fidane;
EZR 8:19 ammalle isaan Hashabiiya'aa fi sanyii Meraarii keessaa Yeshaa'iyaa, isa woliin obboleeyyan isaatii fi ilmaan isaanii diddama,
EZR 8:20 kana maleelle, worra Daawitii fi qondaaltoti biyyaa, Lewwoota akka gargaaranuuf kennane keessaa, tajaajiltoota Galma Waaqaa dhibba lamaa fi diddama fidane. Isaan marti maquma maqa'aan galmeeffamane.
EZR 8:21 Waaqi deemmaa teenna akka nageessu, nu'uu fi ijoollee teenna, akkasuma karra teenna mara akka nuu eegu, isa duratti gad ifi qannee isa gaafatiisaaf, laga qachaa Ahawa'aa biratti laama lasse.
EZR 8:22 Nuuti mootichaan, «Hunni Waaqa keennaa worra isa barbaadatu woliin jirti; worra isa lakkisu mara irratti ammoo mufiin itti hin buuti» jennee waan itti hinneerruuf, karaa irratti diinota keenna akka nu irraa eeganuuf, loltootaa fi abbootii fardo'oo mooticha kadhatuu fokkifadhe.
EZR 8:23 Maarre nuuti laamiisaan marroo waan kanaa Waaqa keenna daadimanne; innille daadimata keenna dhage'e.
EZR 8:24 Achiin duuba ani sooreyyii hayyootaa keessaa Sherebiiya'aa fi Hashabiiyaa hayyoota akka isaanii kudhan woliin wolumatti sooressitoota hayyootaa kudhanii lama file.
EZR 8:25 Meetii, worqi'ii fi meya adda addaa ka mootichi, gorsitooti isaa, qondaaltoti isaatii fi Israa'elooti achi jiranu martinuu Galma Waaqaatiif kennanelle madaalee hayyoota sanitti kenne.
EZR 8:26 Wonni ani madaalee isaanitti kenne: meetii gara kiiloogiraama kuma diddamaa fi kuma lama, meya meetii irraa hujame dhibba tokko ka gara kiiloogiraama torbaatamaa madaalu, worqii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur,
EZR 8:27 qorii worqii irraa hujante diddama, ta gara kiiloo saddeetii fi giraama dhibba afur madaaltu; akkasuma meya dansaa ka akka worqii gatii guddo'oo, ka sageettuu calalaxxuu irraa hujame lama.
EZR 8:28 Ani hayyootaan, «Isinii fi mey kun Waaqaaf woyyoontaneertan; meeti'ii fi worqiin kennaa namooti fedha ifiitiin Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessaniitiif kennane.
EZR 8:29 Meya kana kolloo Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessatti, sooreyyii hayyootaa, ka Lewwootaa fi ka abbootii maatii kolbaa Israa'elii duratti haga madaaltanutti miidhassa'aa eega'a!» jedheen.
EZR 8:30 Achiin duuba hayyooti fi Lewwooti meetii, worqi'ii fi meya woyyicha Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jirutti geessiisaaf madaalame fuudhane.
EZR 8:31 Nuuti Yerusaalem dhaqiisaaf ji'a jalqabaa, guyyaa kudhanii lammeesso'ootitti laga qachaa Ahawa'aa biraa kaane. Hunni Waaqa keennaa nu woliin waan jirtuuf, inni diinota keennaa fi worra karaa irratti riphee nu eegu irraa nu eege.
EZR 8:32 Maarre nuuti Yerusaalem geennee, guyyaa sad achitti foorfanne.
EZR 8:33 Guyyaa arfeesso'ootitti gara Galma Waaqa keennaa dhandhee meetiin, worqi'ii fi mey woyyichi madaalamee, ilma Uriiya'aa hayyicha Meremootitti kennamane; ilmi Fiineshaasii Ele'azaarii fi Lewwooti ilmi Iyaasu'uu Yozaabaadiinii fi ilmi Biinuyii No'aadiyaan isa woliin jiraniiyyu.
EZR 8:34 Wonni martinuu laakkowantee madaalante; madaalliin waan maraatuu yennuma san galmeeffante.
EZR 8:35 Yennaa san worri boojuu irraa deebi'e, Israa'el maraaf dardaroota kudhanii lama, korbeeyyii hoole'ee sagaltamii jaa, buruusoo korbeeyyii hoole'ee torbaatamii torba Waaqa Israa'eliitiif ciincaa gubamu dhikeessane; kun martinuu ciincaa gubamu ka Mootii Waan Maraatiif dhikaate. Sababa cubbu'uutiifille, korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama ciincaa dhikeessane.
EZR 8:36 Isaan ajaja mootichaa bulchitoota kutaa biyya mootichaa bulchanuu fi qondaaltota kutaa biyyaa ta laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtutti kennane; isaanille kolba'aa fi Galma Waaqaa qarqaarane.
EZR 9:1 Wonni kun marti te'een duuba, sooressitooti gara kiyya dhufanee, «Kolbaan Israa'elii, hayyootii fi Lewwootinuu adoo hin hafin kolbaa adaala isaanii jirtu Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Yibusoota, Amoonota, Mo'aabota, Gibxootaa fi Amoorota irraa gargar hin baane; hujii battummaa isaanii irralle'ee ifi hin eeganne.
EZR 9:2 Isaan durra kolbaa adaala ifii fuudhanee, ilmaan ifiille fuusisanee, sanyii woyyuu kolbaa adaala isaanii jirtu woliin wolitti makaneeran; sooreyyi'ii fi qondaaltoti karaa addatama dhabiisaa kana sooressaneeran» jedhane.
EZR 9:3 Ani yennaa waan kana dhage'e, gaddaan woya'aa fi geellaa kiyya tarsaasee, rifeensa mataa kiyyaatii fi areeda kiyyaa buqqisee, nayee tee'e.
EZR 9:4 Sababa addatama dhabiisa worra boojuu irraa deebi'eetiif, worri jecha Waaqa Israa'elii sodaatee rommu na biratti wolitti qabamane; anille nayee haga ciincaa galgalaatitti achuma tee'e.
EZR 9:5 Ani yennaa ciincaan galgalaa dhikaatu, woyaa tiyyaa fi geellaa kiyya ka tarsa'e akkuma uffadhetti, gaddaan addee tee'eeruu ka'e; jilbiiffadhee, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaa badhisee,
EZR 9:6 daadimadhee, «Ee Waaqa kiyya, cubbuun teenna ol kaatee mataa keenna caaltee, yakkaan teennalle ol-gubbaa waan geetteef, ani guddoo fokkifadhee, gara keeti ilaaliisaaf qaaneffadhe.
EZR 9:7 Bara abbootii teenna ta duriitii jalqannee haga ammaatitti nuuti yakkaa guddoo hujiisatti jirra; sababa cubbuu teennaatiif nuuti, moototi teennaa fi hayyooti teenna harka mootota biyya adaala keenna jiranuutitti, ijjeefamaa, booji'amaa, saamamaa akkuma adhaa kana fokkifanneerra.
EZR 9:8 Amma ammoo yennaa gabaaddu'uuf ati Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, nu keessaa worra garii garbummaa jalaa baasiisaan, addee woyyittii teeti keessa nageyaan akka le'anu godhiisaan, ati Waaqi keenna hidhaa garbumma'aa diqqoo nutti furiisaan, addii nuu kenniisaan, gadhaa nu'uuf laatteerta.
EZR 9:9 Nuuti garbummaa jala adoo jirruu, ati Waaqi keenna garbummaa keessatti nu hin lakkinne. Moototi Faaresii gadhaa akka nuu laafanu gootee, Galma keeti deebinnee ijaariisaaf, ka bututelle suphiisaaf jiruu haareya nuu kennite; lafa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem keessalle'etti dalleya woy nu irraa ittisu nuu kennite.
EZR 9:10 «Amma ammoo, ee Waaqa keenna, tanaan duuba maan jedhuu dandeenna? Nuuti ajaja keeti,
EZR 9:11 ka ati karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin, ‹Biyyi isin dhaaliisaaf itti galtanu badii kolbaa biyya saniitiin battootteerti; hujii battittii isaaniitiin qacce'ee haga qacce'ee guutanteerti.
EZR 9:12 Tanaaf isin akka jabaattanuuf, waan dansaa biyyi sun baachu akka nyaattanuuf, biyya sanille ijoollee teessaniif, dhaala bara baraa gootanee akka dabarsitanuuf, durra teessan ilmaan isaaniititti hin heerumsiisina'a! Ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a! Ijjumaa nageya isaaniif hin kennina'a; akka isaanitti tolulle hin godhina'a› jettee ka ajajje lakkinneerra.
EZR 9:13 Sababa cubbu'uu fi Yakkaa teenna guddo'ootiif tun marti nu irratti teete; ati Waaqi keenna nu hamburtee akka jiraannu goote malee, akka yakkaa teennaatitti nu hin adanne.
EZR 9:14 Nuuti kolbaa waan hantuu hujju woliin fuudhaa fi heerumaan wolitti makannee deebinee ajaja keeti cassinaa ree? Yoo akkas goone haga nami baraaree dhabutti aartee nu hin balleessituu ree?
EZR 9:15 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ati balcha'a; nuuti adha jiru'uun hanneerra; kunoo, yakkaa teenna woliin si dura jirra; sababa yakkaa tanaatiif nu keessaa nami si dura dhaabbatuu dande'u tokkolle hin jiru» jedhe.
EZR 10:1 Izraan Galma Waaqaa duratti gad gombifamee, bowaa, daadimataa, cubbuulle faaci'atiisatti adoo jiruu, gumiin guddoon Israa'elootaa dhiirti, dubarti'ii fi ijoolleen adaala isaatitti wolitti qabamanee, laaleffatanee bowane.
EZR 10:2 Achiin duuba sanyii Elaamii keessaa ilmi Yehii'elii Shekaaniyaan, Izra'aan, «Nuuti dubartii kolbaa gosa ormaa ta biyya teenna keessaa fuudhiisaan Waaqa keenna duratti addatamummaa dhanneerra; teetulle ammoo Israa'elootaaf ammalle addiin hin jirti.
EZR 10:3 Maarre amma nuuti akka gorsa si goottaa kiyyaatii fi akka gorsa worra ajaja Waaqaa sodaatanuutitti dubartoota tana ijoollee isaanii mara woliin ifi biraa geegessiisaaf, Waaqa keenna duratti wolii galluu ti. Tun akkuma seeraatitti teetuu ti.
EZR 10:4 Tun si harka jirti; nuutille si woliin jirra, ka'i; jabaadhuu huji!» jedhe.
EZR 10:5 Maarre Izraan ka'ee waan jedhame akka hujanuuf sooreyyii hayyootaa, Lewwootaa fi kolbaa Israa'elootaa mara kakachiise. Isaanille kakatane.
EZR 10:6 Achiin duuba Izraan Galma Waaqaa duraa ka'ee, gara kolloo Yehohaanaanii ilma Eliyaashiibii dhaqe. Inni yennaa achi jiru, sababa addatamummaa dhaba worra boojuu irraa deebi'eetiif gaddee, sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne.
EZR 10:7 Worri boojuu irraa deebi'e martinuu Yerusaalemitti akka wolitti qabamuuf, lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessatti lassiin baate.
EZR 10:8 Nami guyyaa sad keessatti achitti hin dhaggamin hafe, murtee qondaaltotaa fi jaarsole'eetiin, waan ifii ta Mootii Waan Maraatiif akka teetu murteeffante mara dhabee, ifille'eef wolde'a worra boojuu irraa deebi'ee keessaa hin baafama.
EZR 10:9 Guyyaa sadiin san keessatti namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti Yerusaalem keessatti wolitti qabamane; ji'a sagaleesso'oo, guyyaa diddameesso'ootitti namooti martinuu dhufanee badhinna Galma Waaqaa dura jiru keessa tee'ane. Sababa haajaa wolitti qabamaneetii fi sababa roobaatiif hollatane.
EZR 10:10 Achiin duuba Izraan hayyichi ka'ee isaaniin, «Isin hin addatanne; dubartii orma fuudhiisaan yakkaa Israa'elii irratti yakkaa edeetaneertan.
EZR 10:11 Amma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessaniititti cubbuu teessan faaci'adha'a; fedhii isaalle godha'a! Kolbaa adaala keessaniitii fi dubartoota orma fuutane irraa gargar baya'a» jedhe.
EZR 10:12 Kolbaan wolitti qabante sun marti qoonqoo ol qabattee, «Dubbiin tun dhuga'a! Waan ati jette mara hin goona.
EZR 10:13 Te'uu malee nuuti nama heddu'u; yennaalle yennaa bokkeyaa waan teeteef, ala dhaabbatiisa hin dandeennu; nuuti dubartii orma fuunee guddoo waan yakkineef, dubbiin tun guyyaa tokkotti yookiin guyyaa lamatti ta dhumattuu moti.
EZR 10:14 Tanaaf, sooreyyiin teenna gumii baate tana mara bakka buutee, dubbii tana ilaaltuu ti. Achiin duuba mufiin Waaqa keennaa jadduun ta marroo dubbii tanaatiif nutti dhutte tun haga nu irraa deebitutti, qachaa keenna keessatti worri dubartii orma fuudhe martinuu jaarsole'ee fi abbootii mura'aa ta qachaa qachaa ifii woliin guyyaa qabatanetti dhufanuu ti!» jedhane.
EZR 10:15 Te'uu malee Yonaataan ilma Asaaheliitii fi Yahaaziiyaa ilma Tiiqiwa'aa qofatti, Meshulaamii fi Shaabetaayiin Lewwichi yaada isaanii qarqaaranuun dubbii tana morme.
EZR 10:16 Maarre worri boojuu irraa deebi'ane akkuma yaada dhikaateetitti muummessane; kanaaf hayyichi Izraan akkuma maatii isaaniititti, itti gaafatamaa maati'ii filee maqaa maqa'aan barreesse; isaanille ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa qaraatitti tee'anee dubbii qorqoruu jalqabane.
EZR 10:17 Ji'a jalqabaa, guyyaa tokkeesso'oo waan namoota dubartoota orma fuudhanee qorqoranee fixane.
EZR 10:18 Sanyii hayyootaa keessaa dubartoota orma ka fuudhaneeranu asii gad jiran: sanyii Iyaasuu ilma Yozaadaaqiitii fi obboleeyyan isaa keessaa Ma'aseyaa, Elii'ezer, Yaariibii fi Gedaaliya'a.
EZR 10:19 Isaan martinuu dubartoota isaanii akka lakkisanuuf kakatanee wolii galane; sababa yakkaa isaaniitiif tokko tokkoon isaanii ciincaa sababa yakka'aatiif dhikaatu korbeessa hoole'ee tokko tokko dhikeessane.
EZR 10:20 Sanyii Iimerii keessaa, Haanaanii fi Zebaadiya'a.
EZR 10:21 Sanyii Haariimii keessaa, Ma'aseyaa, Eliyaa, Shemaayaa, Yehii'elii fi Uziya'a.
EZR 10:22 Sanyii Phashihurii keessaa, Eliyo'enaayi, Ma'aseyaa, Ishimaa'el, Nataani'el, Yozaabaadii fi Eli'aasa'a.
EZR 10:23 Lewwoota keessaa, Yozaabaad, Shime'ii, Qelaayaa ka «Qeliixaa» jedhamu, Phetaahiyaa, Yihuda'aa fi Elii'ezer.
EZR 10:24 Faarsitoota keessaa, Eliyaashiib. Eeddota karraa keessaa, Shaalum, Xelemii fi Uri'i.
EZR 10:25 Israa'eloota dhibii keessaa: Sanyii Faaroshii keessaa, Ramiiyaa, Yiziiyaa, Malkiiyaa, Miyaamin, Eli'aazaar, Malkiiya'aa fi Benaaya'a.
EZR 10:26 Sanyii Elaamii keessaa, Mataaniyaa, Zakaariyaas, Yehii'el, Abdi, Yeremootii fi Eliyaa.
EZR 10:27 Sanyii Zaatuu keessaa, Elyo'enaayi, Eliyaashiib, Mataaniyaa, Yeremoot, Zaabaadii fi Aziiza'a.
EZR 10:28 Sanyii Bebaayii keessaa, Yehohaanaan, Hanaaniyaa, Zaabayii fi Aatilaayi.
EZR 10:29 Sanyii Baanii keessaa, Meshulaam, Maluuk, Adaayaa, Yaashub, Shi'eelii fi Yiremooti.
EZR 10:30 Sanyii Fa'aat-Mo'aabii keessaa, Adinaayi, Kilaal, Benaayaa, Ma'aseyaa, Mataaniiyaa, Bezaali'el, Biinuyii fi Minaase'e.
EZR 10:31 Sanyii Haariimii keessaa, Elii'ezer, Yishiiyaa, Malkiiyaa, Shemaayaa, Shimi'oon,
EZR 10:32 Beniyaamin, Maluukii fi Shemaariya'a.
EZR 10:33 Sanyii Hashumii keessaa, Matenayi, Mataataa, Zaabaad, Eliifelex, Yeremaay, Minaase'ee fi Shime'i.
EZR 10:34 Sanyii Baanii keessaa, Ma'aadaayi, Amraami, U'el,
EZR 10:35 Benaayaa, Bediyaa, Keluhuu,
EZR 10:36 Waanyaa, Meremoot, Eliyaashiib,
EZR 10:37 Mataaniiyaa, Matenayii fi Yaa'asaawu'u.
EZR 10:38 Sanyii Biinuyii keessaa, Shime'ii,
EZR 10:39 Shelemiiyaa, Naataan, Adaayaa,
EZR 10:40 Maknadebaay, Shaashaay, Shaaray,
EZR 10:41 Azaari'el, Shelemiiyaa, Shemaariyaa,
EZR 10:42 Shaalum, Amaariya'aa fi Yoseef.
EZR 10:43 Sanyii Neboo keessaa, Ye'ii'el, Matiitiyaa, Zaabaad, Zebiinaa, Yaadaay, Yo'elii fi Benaaya'a.
EZR 10:44 Namooti kun martinuu worra dubartoota orma fuudhane; isaan keessaa gariin dubartoota san irraa ijoollee uumataneeran.
NEH 1:1 Jechooti Nahimiyaa ilma Kaalya'aa kana. Artashaastaan mootii Faaresii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, ji'a kiisluu jedhamu keessa, ani qachaa guddicha susaan jedhamu keessa adoo jiruu,
NEH 1:2 obboleeyyan tiyya keessaa tokkochi, Haanaan, jara takka woliin Yihudaa irraa dhufe; anille marroo Yihudoota worra adoo hin booji'amin achitti hafee lubbu'uun jiruu fi marroo Yerusaalemii isaan gaafadhe.
NEH 1:3 Isaan deebisanee, «Worri adoo hin booji'amin hafee adaala san keessa lubbu'uun jiru, rakkinna gudda'aa fi salphinna keessa jiran; dalleenni Yerusaalemii caccabee jigeera; balbalti isi'iille ibiddaan gubatteerti» jedhane.
NEH 1:4 Ani yennaa jecha kana dhage'e gad tee'ee bowe; guyyaa hedduu gaddee, Waaqa ol-gubba'aa duratti laamee daadimadhe.
NEH 1:5 Daadimata kiyya keessatti, «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa ol-gubba'aa! Ati gudda'a; sodaachisa'alle'e. Worra si jaalatuuf, worra ajaja keeti eegatuufille, gondooroo teetii fi jaalala keeti ka bara baraa ka eegattu,
NEH 1:6 daadimata ani garbichi keeti si duratti halkanii fi guyyaa tajaajiltoota teeti, kolbaa Israa'eliitiif amma daadimadhu, gurri keeti dhage'uu ti; ilti teetille dhaggituu ti. Cubbuu nuuti kolbaan Israa'elii hunye hin faaci'adha. Anii fi abbootiin tiyya yakkineerra.
NEH 1:7 Nuuti si duratti daba hunyeerra; ajaja keetii fi sirna, seerata ati tajaajilaa keeti Muusee ajajjelle hin eeganne.
NEH 1:8 Ati, ‹Isin yoo addatamuu dhaddane, ani worra Yihudoota hin te'in odduu isin bittinneessa;
NEH 1:9 isin ammoo yoo gara kiyya deebitanee fi ajaja kiyya eegattanee tolchitane, haga qaccee biyya lafaa bittinnoottanulle, ani achii wolitti isin qabee deebisee addee maqaan kiyya akka itti waamamuuf filadhetti isin fida› jecha jettee garbicha keeti Muusee ajajje qaabadhu.
NEH 1:10 Isaan tajaajiltoota teetii fi kolbaa teeti, ta ati harka keeti jaba'aa fi hunna teeti guddo'oon wodatte.
NEH 1:11 Ee Gootta'a, gurri keeti daadimata ana tajaajilaa keetiitii fi daadimata tajaajiltoota teeti worra maqaa keeti ulfeessiisatti gammaduu dhage'uu ti. Mootichi kun akka naa mararu godhiitii, adha tajaajilaa keeti milkeessi!» jedhe. Yennaa san, ani nama mootichaaf daadhii dhikeessu.
NEH 2:1 Artashaastaan mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, ji'a «Niisaan» jedhamu keessa, yennaa daadhiin woyni'ii isaaf qophootte, ani daadhii woyni'ii fuudhee mootichaaf kenne. Ani duraan isa duratti gaddee hin beekuuyyu.
NEH 2:2 Maarre mootichi, «Ati adoo hin dhibamin, maaf gaddite? Kun gadda gadha'aa ti malee, waan dhibi'ii moti» naan jedhe. Achiin duuba ani guddoo sodaadhee,
NEH 2:3 mootichaan, «Mooticha, bara baraan jiraadhu! Yennaa qachaan, addeen abbootiin tiyya itti awwaalamane diigamu, balbalti isaa duudiille ibiddaan gubattee baddu, ani maaf hin gaddine ree?» jedheen.
NEH 2:4 Achiin duuba mootichi, «Maan akka sii godhu barbaadda ree?» naan jedhe. Maarre ani Waaqa ol-gubba'aa daadimadhee,
NEH 2:5 mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachaa abbootiin tiyya itti awwaalamane san deebisee akka ijaaru, gara lafa Yihuda'aa akka na ergitu barbaada» jedheen.
NEH 2:6 Achiin duuba mootichi, «Haga guyyaa meeqaa ideenta? Yoom deebita?» naan jedhe; mootichi ana ergiisaaf waan gammadeef, anille guyyaa meeqa akka deemu itti hime. Yennaa san giittiille isa bira teetteerti.
NEH 2:7 Achiin duuba ani mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, haga Yihudaa gewutti nageyaan akka na dabarsanu, bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaatiif xalayaa naa barreessi;
NEH 2:8 karra dalleya Galma Waaqaatiif, balbala dalleya qacha'aatiif, mana ani keessa le'ulle'eef muka gugurdaa akka naa kennuuf, Asaafii gongomaa mootumma'aa eegulle'eef xalayaa barreessii ajaji» jedhe. Waaqi waan na woliin jiruuf, mootichi waan ani gaafadhe mara naa kenne.
NEH 2:9 Achiin duuba mootichi qondaaltota loltootaatii fi abbootii fardaa na woliin erge; anille gara worra bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaa dhaqee, xalayaa mootichaa itti kenne.
NEH 2:10 Namichi qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, nami tokko Israa'elootaaf waan dansaa hujiisaaf akka dhufe yennaa dhage'ane, akka malee aarane.
NEH 2:11 Maarre ani Yerusaalem dhaqee, guyyaa sad achi ture.
NEH 2:12 Achiin duuba ani namoota diqqaa tokko woliin halkaniin ka'e; Yerusaalemiif akka ani hojjadhu waan Waaqi gadhaa kiyya keessa keye nama tokkolle'etti himee hin jiruuyyu. Geejjibi ani fudhadhee deeme geejjiba irra tee'e qofa.
NEH 2:13 Ani halkaniin karaa karra dhooqaa bayee madda jawwe'ee dabaree karra kosi'ii dhaqe; dalleya Yerusaalemii ka diigamee fi karra isi'ii ta ibiddaan gubattee badde ilaale.
NEH 2:14 Achiin duuba gara karra madda bisaaniitii fi baleessa mooti'ii dhaqe; ammoo geejjibi ani irra tee'eeru karaa dabaru dhabe.
NEH 2:15 Maarre ani halkaniin dalleya ilaalaa karaa dhooqaa ol baye. Achiin duuba duubatti deebi'ee, karra dhooqaa seenee deebi'ee gale.
NEH 2:16 Qondaallan eessa akka ani dhaqeeru yookiin maan akka ani hujiisatti jiru hin beenne; Yihudootatti, hayyootatti, worra gugurda'atti, qondaaltota, namoota dhibii worra hujii huju'uu jirulle'etti hin hinne.
NEH 2:17 Achiin duuba ani isaaniin, «Rakkinna nuuti keessa jirru isin hin dhaggitan; Yerusaalem jiddeerti; karri isi'iille gubatteerti; tanaaf haganaa achi akka hin salphanneef, kowa'a dalleya Yerusaalemii deebinnee ijaarra» jedhe.
NEH 2:18 Anille Waaqi attam akka na woliin jiraatee na qarqaaree fi jecha mootichi naan jedhelle isaanitti hime. Achiin duuba isaan, «Deebinnee ijaariisa jalqannuu ti!» jedhane. Maarre isaan hujii dansaa tana jalqabiisaaf qophowane.
NEH 2:19 Nami qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, Geshemiin arabichille waan nuuti karoorfanne yennaa dhage'ane ammoo, busheeshanee, nu qaanessanee, «Wonni isin hujiisatti jirtanu kun maan inni? Isin mooticha finqiliisaan mormiisatti jirtanii?» jedhane.
NEH 2:20 Achiin duuba ani deebisee, «Waaqi ol-gubba'aa nu hin milkeessa; nuuti tajaajiltooti isaa kaanee ijaariisa hin jalqanna; isin ammoo Yerusaalem keessaa qooda yookiin waan nu'uuf te'a jettanu yookiin haqa dabarsi'ii hin qaddanu» jedheen.
NEH 3:1 Achiin duuba hayyichi guddaan Eliyaashiibii fi hayyooti isa woliin hujanu «Karra hoolotaa» ta jedhantu deebisanee ijaaranee, Waaqaaf adda baasanee cufanaa itti naqane; isaan haga xelleephoo dhaka'aa «Dhibba» jedhantuu fi haga xelleephoo Hanaani'eliititti Waaqaaf adda baasane.
NEH 3:2 Namooti Yeriko'oo ka itti aanu ijaarane. Zakuriin ilmi Iimriille ka itti aanu ijaare.
NEH 3:3 Ilmaan Hasenaa «Karra qurxummi'ii» ta jedhantu ijaarane; karra saniif utubaa dhaabanee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane.
NEH 3:4 Ilmi Uriiya'aa Meremoot, akaakoon Haqosii ka itti aanu deebisee ijaare. Ilmi Berekiiya'aa Meshulaam, akaakoon Meshezaabi'elii ka itti aanu deebisee ijaare. Zaadoq ilmi Ba'ana'aa ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:5 Worri Teqo'aa ka itti aanu deebisee ijaare; sooreyyiin isaanii ammoo, itti gaafattantoota huji'iitiif ajajamanee hujiisa didane.
NEH 3:6 Ilmi Phaasehaatii Yoyaada'aa fi ilmi Besodeya'aa Meshulaam karra dullattii deebisanee ijaarane. Isaan karra saniif utubaa dhaabanee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane.
NEH 3:7 Melaaxiiyaan Giibe'ontichi, Yaadon Merontichi akkasuma worri Giibe'oniitii fi worri Miispha'aa haga addee teessoo bulchaa lafa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, ka itti aanu deebisanee ijaarane.
NEH 3:8 Ilmi Haarhaya'aa Uzii'el ka worqii tumu, ka itti aanu deebisee ijaare. Hanaaniyaan fiqiree tolchu, ka itti aanu deebisee ijaare. Isaan haga addee, «Dalleya badhaa» jedhantuu Yerusaalem deebisanee ijaarane.
NEH 3:9 Ilmi Huurii Refaayaan, ka gamisa aanaa Yerusaalemii bulchaa ture, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:10 Ilmi Harumaafii Yedaa'iyaan mana ifii biraan, ka itti aanu deebisee ijaare; ilmi Hashabniiya'aa Haxushi, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:11 Ilmi Haariimii Malkiiya'aa fi ilmi Phaahat-Mo'aabii Hashub kutaa dhibi'ii fi «Xelleephoo addee ibiddaa» jedhantu deebisanee ijaarane.
NEH 3:12 Ilmi Haloheshii Shaalum, ka gamisa aanaa Yerusaalemii dhibii bulchuu fi durri isaa, ka itti aanu deebisanee ijaarane.
NEH 3:13 «Karra dhooqaa» ta jedhantu, Hanuunii fi worra Zaano'aatitti deebisee ijaare; isaan haga karra, «Karra kosi'ii» jedhantuutitti meetira 440 deebisanee ijaaranee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane.
NEH 3:14 Ilmi Rekaabii Malkiiyaan, bulchaan aanaa Bet-Hakeremii karra, «Karra kosi'ii» jedhantu deebisee ijaaree, cufanaa itti hujee, danqaraa itti huje.
NEH 3:15 Ilmi Kolhozee Shaalum, bulchaan aanaa Miispha'aa karra, «Karra maddaa» jedhantu deebisee ijaaree, gosee itti ijaaree, cufanaa itti hujee, danqaraa itti huje; inni dalleya baleessa shela'aa ka fichaa mootichaatitti aanu irraa, haga sadarkaa qachaa guddicha Daawitii ka irii gadi buusuutitti deebisee ijaare.
NEH 3:16 Ilmi Azbukii Nahimiyaan ka gamisa aanaa Bet-Zuurii bulchaa ture, irreensa Daawitii fuula duraa kaasee haga baleessa nami hujeetii fi haga mana worra jannootaatitti, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:17 Worri Lewwootaa, ilma Banii Rehuumiin sooreffamanee dalleya itti aanu deebisanee ijaarane. Hashabiiyaan bulchaan gamisa aanaa Qeyila'aa, qooda aanaa ifii ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:18 Ilmi Henaadaadii Biinuyi, ka gamisa aanaa Qeyila'aa dhibii bulchu, ka itti aanu ijaare.
NEH 3:19 Ilmi Yeshu'aa Ezer, ka Miisphaa bulchu, mana meya lolaa keyatanu fuula duraa jalqabee, haga addee dalleenni dhaqee itti dabuu, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:20 Ilmi Zaabayii Baaruki, addee dalleenni dhaqee itti dabu irraa kaasee, haga seensuma mana hayyicha guddaa Eliyaashiibii, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:21 Ilmi Uriiya'aa Meremoot, akaakoon Haqosii balbala mana Eliyaashiibii irraa kaasee, haga dhuma mana isaatitti deebisee ijaare.
NEH 3:22 Hayyooti adaala Yerusaalemii le'anu, dalleya itti aanu deebisanee ijaarane.
NEH 3:23 Beeniyaaminii fi Hashub mana ifiitiin dura ka itti aanu deebisanee ijaarane; ilmi Ma'aseya'aa Azaariyaan, akaakoon Anaaniiyaa'aa ka cinaa mana ifii deebisee ijaare.
NEH 3:24 Ilmi Henaadaadii Biinuyi dhuma mana Azaariya'aatii kaasee haga dalleenni dhaqee itti dabu, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:25 Ilmi Uzaayii Phaalal addee dalleenni dhaqee itti dabuu fi xelleephoo eeddoo mana mootumma'aa ka gatiitti'ii biraa jalqabee, ka itti aanu deebisee ijaare; itti aansee ilmi Phaaroshii Phedaaya'aa
NEH 3:26 fi tajaajiltooti Galma Waaqaa worri gaara Ofeelii gubbaa le'u haga fuula dura karra, «Karra bisaanii» jedhantu, ta gara aduun baatuutii fi haga fuul dura xelleephoo eeddo'ootitti, ka itti aanu deebisanee ijaarane.
NEH 3:27 Worri Teqo'aatii xelleephoo eeddo'oo guddittii fuula duraa kaasee, haga dalleya Ofeelii, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:28 Worri hayyootaa tokko tokkonuu mana ifii fuul duraan karra, «Karra fardaa» jedhantuun gara kaabaatiin, ka itti aanu deebisanee ijaarane.
NEH 3:29 Ilmi Iimerii Zaadoq mana ifii duraan deebisee ijaare; ilmi Shekaaniya'aa Shemaa'iyaan, ka karra gara aduun baatuu eegu, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:30 Ilmi Shelemiiya'aa Hanaaniya'aa fi ilmi Zalfa'aa ka jayeesso'oo Hanuun, qooda ifii ka lammeesso'oo, ka itti aanu deebisanee ijaarane. Ilmi Berekiiya'aa Meshulaam mana ifii duraan, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:31 Namichi worqii tumu Malkiiyaan haga mana tajaajiltoota Galma Waaqaatii fi mana daldaltootaa ka fuul dura karra, «Karra eeddo'oo» jedhantuu fi kutaa manaa ta addee dalleenni dhaqee itti dabuun gubba'aa, ka itti aanu deebisee ijaare.
NEH 3:32 Worri worqii tumuu fi daldaltooti, wodhakkaa kutaa manaa, ta addee dalleenni dhaqee itti dabuu fi karra hoole'ee jirtu deebisanee ijaarane.
NEH 4:1 Nuuti Yihudooti dalleya deebinnee ijaariisa akka jalqanne Sanbalaax yennaa dhage'e, aaree guddoo mufatee, nutti murge.
NEH 4:2 Inni jaalota ifiitii fi loltoota Samaariya'aa duratti, «Yihudooti dadhabooti tun maan hujiisatti jiran? Isaan dalleya deebisanee hin ijaaranii? Isaan ciincaa dhikeessaaranii? Isaan guyyuma tokkotti hujanee fixaaranii? Isaan dhakaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanee ittiin ijaaruu hin dande'anii?» jedhe.
NEH 4:3 Xobiiyaan Amoontichi ka isa bira jiru, «Dalleya dhaka'aa ka isaan ijaariisatti jiranu san, jeedalti takka adoo irra baate caccassitee jissiisa dandeetti!» jedhe.
NEH 4:4 Ani Nahimiyaan, «Ee Waaqa keenna! Nuuti waan tuffatanneef nuu dhage'i; arraba isaanii matuma isaaniititti deebis; akka isaan saamamanuuf, biyya ormaatitti dabarsii isaan kenni.
NEH 4:5 Isaan nu worra ijaaru waan arrassaneef, yakkaa isaanii hin dhossin; cubbuu isaaniille fuula keeti duraa akka baddu hin godhin» jedhee daadimadhe.
NEH 4:6 Maarre kolbaan hujiisaaf dharraa waan qadduuf, nuuti dalleya deebinnee ijaarree, haga dheerinna dalleyaa geessisiisaaf wodhakkeessinee, dalleya mara wol geessinne.
NEH 4:7 Sanbalaaxii fi Xobiiyaan, worri Arabaatii fi worri Amoonii, worri Ashidoodiille akka nuuti dalleya Yerusaalemii deebinnee, akka dansaa ijaariisatti jirruu fi addee duwwaalle akka duuchine yennaa dhage'ane, isaan guddoo aaranee,
NEH 4:8 isaan martinuu gara Yerusaalemii dhufanee, loliisaa fi jeeqiisaaf wolitti qabamanee mala dhowane.
NEH 4:9 Nuuti ammoo gara Waaqa keennaa daadimannee, isaan ifi irraa dhooggatiisaaf eeddota halkanii fi guyyaa eeganu godhane.
NEH 4:10 Yoos kolbaan Yihuda'aa, «Nuuti ba'aa ba'atiisa waan dadhanneef, caccabaan woyiille guddoo waan bacateef, nuuti dalleya ijaariisa hin dandeennu» jedhane.
NEH 4:11 Diinoti keenna, «Adoo isaan hin beekin yookiin adoo isaan womaa hin dhaggin, nuuti dursinee isaanitti dhunnee isaan ijjeennee, hujii isaanii dhaabbachiinna» jedhane.
NEH 4:12 Yihudooti worri adaala diinota keennaa le'anu, diinoti keenna addee maraa dhufanee nu loliisaaf, mala nutti dhowane yennaa hedduu nutti himane.
NEH 4:13 Tanaaf ani namoota dalleya duubaan addee ijaarsi hin fixamin, shallaagaa, ebo'oo fi guubee qabachiisee, maatii maati'iin kushee qabachiise.
NEH 4:14 Ani akka kolbaan sodaatte dhaggee, kolba'aa fi sooreyyii isaaniitiin, qondaalotalle'een, «Diinota keessan hin sodaatina'a. Waaqi guddaan sodaatamaan, worra keessaniif, ijoollee teessaniif, haadhotii manaa teessaniif, maatii teessaniif akka isiniif lolu qaabadha'a» jedheen.
NEH 4:15 Diinoti keenna mala isaanii akka nuuti beenne dhage'anee, Waaqille yaada isaanii akka hongeesse yennaa hubatane, nuuti martinuu gara dalleya deebinnee ijaariisaa dachaane.
NEH 4:16 Guyyaa san irraa jalqabee, namoota kiyya keessaa gamisi isaanii hujii ijaarsaa hujane; gamisi isaaniille eboo, wontee, guube'ee fi meya lolaa hidhatanee eeddoo dhaabbatane. Sooreyyiin teennalle kolba'aaf qarqaarsa guutuu kennituun,
NEH 4:17 kolbaan dalleya deebittee ijaartiiyyu. Worri waan dalleya ittiin ijaaranu ba'atuuyyuu, harka tokkoon hujii hujaa, harka kaaniin meya woraanaa qabatanee diina ifi irraa dhooggatiisaaf qophowaneeraniiyyu.
NEH 4:18 Worri dalleya ijaaru marti yennaa dalleya ijaaru, shallaagaa ifii hidhatti hidhatee ijaaraayyu. Namichi tultullaa afuufu na biraa hin gorre.
NEH 4:19 Ani kolba'aan, sooreyyi'ii fi qondaaltota isaaniitiin, «Hujiin hujii guddo'oo fi badhoo waan teeteef, nuuti dalleya irra wol irraa faffagaanneerra.
NEH 4:20 Qoonqoo tultullaa yoo dhageettane, gara keenna birmadha'a. Waaqi keenna nu'uuf hin lola» jedheen.
NEH 4:21 Maarre guyyuma guyya'aan, dayya'a boru'uutii haga halkan urjiin bayutti namoota keenna keessaa gamisi dalleya ijaaraa, gamisi eboo qabatanee eegaaraniiyyu.
NEH 4:22 Anille yennaa san kolba'aan, «Halkan eegaa, guyyaa akka nuuf hujanu namooti martinuu tajaajiltoota ifii woliin qachaa Yerusaalemii keessa bulanuu ti» jedheen.
NEH 4:23 Maarre anille yookiin worri kiyyalle yookiin tajaajiltooti tiyyalle yookiin namooti eeddoo na gula deemanulle nami tokkolle woyaa teenna ifi irraa hin baafanne. Yennaa bisaan dhaquuyyuu nami tokkolle meya ifii ka woraanaa harka middicha irraa lafa hin keenne.
NEH 5:1 Yennaa takka dhiiraa fi dubartiin Yihudootaa hedduun, Yihudoota sooreyyii ifii mormanee iyyatiisa jalqabane.
NEH 5:2 Isaan keessaa gariin, «Nuuti maatii hedduu qanna; akka nyaannee jiru'uun leenuuf, midhaan dhaggachuu nu barbaachisa» jedhane.
NEH 5:3 Worri dhibiin, «Bara beelaa midhaan dhaggatiisaaf, fichaa keenna, addee woynii teennaa, mana keennalle qassiinneerra» jedhane.
NEH 5:4 Worri dhibiille, «Fichaa keennaa fi addee woynii teennaatiif, gibira mootumma'aa kaffaliisaaf beesee liqeeffanneerra.
NEH 5:5 Nuuti akkuma Yihudoota kaanii Yihudoota; ijoolleen teennalle akkuma ijoollee isaanii ti; te'uu malee nuuti ijoollee teenna akka garboota te'anu gooneerra; ammumaayyuu ijoolleen teenna ta durraa gariin garboomaneeran; fichaa keennaa fi addeen woyni'ii teenna waan nu irraa fudhatamaneef, nuuti hunna dhanneerra» jedhane.
NEH 5:6 Ani yennaa iyyata isaanii kana dhage'e guddoo aare.
NEH 5:7 Guddisee itti yaadeen duuba, worra gugurda'aa fi qondaaltotaan, «Isin attam kolbaa teessan irraa dhala liqa'aa fudhattan!» jedhee aaladhe; isaan woliin dubbii tana ilaaliisaaf gumii guddoo waamee,
NEH 5:8 «Nuuti haga dandeennetti, worra keenna Yihudoota ka gosa dhibi'itti gurguramane wodiisatti jirra; amma ammoo isin worrummaan keessan garba te'anee akka isinitti gurguramanu hunnaan godhiisatti jirtan!» isaaniin jedhe. Isaan waan jedhanu dhabanee cadhisane.
NEH 5:9 Maarre ani, «Wonni isin hujiisatti jirtanu dansa'aa moti; akka worri diina keennaa nu hin qaanessine, isin Waaqa sodaatiisaan ideemiisa maltane.
NEH 5:10 Anii fi worri kiyya, tajaajiltooti tiyyalle beese'ee fi midhaan kolba'aaf liqeessineerra. Dhala liqa'aa fudhatiis hafuu ti.
NEH 5:11 Fichaa isaanii, addee woynii isaanii, oorruu muka ejersaa isaanii, mana isaaniille deebisa'aaf; akkasuma dhala beese'ee, dhala midhaanii, dhala woyni'iitii fi zayiti'ii ammuma lakkisa'aaf» jedheen.
NEH 5:12 Achiin duuba worri gugurda'aa fi qondaaltoti, «Nuuti waan mara hin deebinna; waan tokkolle deebinee isaan irraa hin barbaannu; akkuma ati jette hin goona» jedhane. Ani hayyoota waamee, sooreyyiin akkuma waadaa galane akka godhanu, akka kakachiisanu godhe.
NEH 5:13 Achiin duuba ani hiituu hidhaa hiikadhee, hargufee, «Maarre nama waan waadaa gale kana hin goone, manaa fi karra isaa irraa Waaqi isa hargufuu ti! Hargufamee duwwaa hafuu ti!» jedhe. Gumiin martinuu, «Ameen» jettee Mootii Waan Maraa galateeffatte. Worri gugurda'aa fi qondaaltoti akkuma jedhane godhane.
NEH 5:14 Artashaastaan woggaa diddameessoo isaatitti mootii te'ee, haga woggaa soddomii lammeessoo isaatitti, ani biyya Yihuda'aa bulchiisaaf filamee woggaa kudha lama bulche keessatti, anii fi worri kiyya sagalee bulchaa tokkoof malte hin nyaanne.
NEH 5:15 Bulchitooti anaan dura biyya bulchaa turane, ba'aa ulfaattuu kolba'atti fe'anee, sagale'ee fi daadhii woyni'ii irratti dabalanee, meetii sheeqelii afurtama fudhataa turane. Tajaajiltooti isaaniituu kolbaa irratti goottomanee turane. Ani ammoo Waaqa waan sodaadhuuf, akkas hin goone.
NEH 5:16 Ani hujii dalleya kanaatiif ifi kenne malee, lafalle hin bitanne; tajaajiltooti tiyya ta huji'iif wolitti qabantelle akkasuma tolchite.
NEH 5:17 Gosa biyya adda addaa worra adaala keennaa gara keenna dhufane irratti dabalamanee, Yihudootaa fi qondaaltoti namoota dhibbaa fi shantamatti qorii tiyyatti nyaataa ture.
NEH 5:18 Guyyuma guyya'atti sangaa tokkoo fi hoolota cocooma jaa, lukkuu hedduu, guyyaa kudhan kudhanitti daadhii woyni'ii ta gosa adda addaatitti qophowaayyu. Te'uu malee, ba'aan ulfaattuun kolbaa irra waan jirtuuf, sagalee bulchaa tokkoof malte ani hin gaafanne.
NEH 5:19 Ee Waaqa kiyya, waan ani kolbaa tanaaf godhe mara qaabadhuutii, naaf arjoom.
NEH 6:1 Karra dalleyaatitti cufanaa godhuu dhabulle, addeen duwwaan adoo hin hafin dalleya deebisee akka ani ijaare Sanbalaax, Xobiiya'aa fi Geshemiin Arabichi, diinoti keenna worri kuunille yennaa dhage'ane,
NEH 6:2 Sanbalaaxii fi Geshem nama natti erganee, «Koyiitii olloota diida Onoo jedhamutti dhaggamu keessaa tokkochatti wol dhagginaa» jedhane. Isaan ammoo na miidhiisaaf yaadatane.
NEH 6:3 Maarre anille ergantoota isaanitti ergee, «Ani hujii guddoo waan hujiisatti jiruuf, gad dhufuu hin dande'u; haga ani dhiisee gara keessan gad dhufutti, hujiin maaf dhaabbatti ree?» jedheen.
NEH 6:4 Isaan yennaa afur erguma tana natti ergane; anille deebuma tana isaaniif deebise.
NEH 6:5 Sanbalaax tajaajiltoota ifii keessaa tokkotti xalayaa banaa chaappaa hin qanne kennee, erguma durii san itti himee, yennaa shaneesso'oo gara kiyya erge.
NEH 6:6 Wonni xalayaa san keessatti barreeffameeru, «Atii fi Yihudooti mootummaa irratti ka'iisaaf yaaddanee dalleya deebittanee ijaariisatti akka jirtanu, gosa kolbaa adaala kana jirtu oddu'utti odeeffameera; dubbiin tun dhugaa te'uu isi'ii Geshem natti himeera; akka odeeffama kanaatitti ati mootii isaanii te'iisaaf halchita.
NEH 6:7 Ati mootii Yihudootaa akka teete Yerusaalem keessatti raagota si'iif lassanu kaafatteerta; maarre dubbiin tun mooticha bira waan geettuuf, anii fi ati woliin mari'annaa koy!» jedha.
NEH 6:8 Ani ammoo, «Dubbiin tun waan ati ifi keessaa fuutee dubbatte; wonni ati jettu tokkolle dhuga'aa moti» jedhee isaaf deebise.
NEH 6:9 Isaan, nu'uun, «Harki isaanii irraa bu'ee hujii dadhaban; hujiille adoo hin fixamin hafu'uu jirti» jedhanee yaadaa, marti isaanii nu sodaachisuu barbaadane; ani ammoo, «Ee, Waaqa hunna na jabeessi!» jedhee daadimadhe.
NEH 6:10 Gaafa tokko ani gara mana Shemaa'iyaa ilma Dalaa'iyaa akaakoo Mahexaabelii ka manni itti cufameeruu dhaqe; innille, «Namooti halkaniin si ijjeesiisaaf waan dhufaaranuuf, anii fi ati dhandhee Galma Waaqaa keessatti, balbala cufannee dhokannuu ti» naan jedhe.
NEH 6:11 Ani ammoo, «Ani nama baqatee dhokatuu? Yookiin nami akka kiyyaa jiruu ifii fayyifatiisaaf Galma Waaqaa keessatti hin dhokataa? Ani Galma Waaqaa keessatti hin dhokadhu!» jedhe.
NEH 6:12 Sanbalaaxii fi Xobiiya'atti, namichi kun akka na irratti raaga dubbattuuf beese'een bitane malee, Waaqi akka isa hin ergin hubadhe.
NEH 6:13 Ani sodaadhee waan kana godhiisaan cubbuu akka hujuuf, maqaa badaa ittiin na fokkisiisanu akka ani qabaadhuuf inni natti bitame.
NEH 6:14 Anille, «Ee, Waaqa kiyya, Xobiiya'aa fi Sanbalaax fa'a akkasuma No'aadiiyaa raagittii, raagota worra dhibii ka na sodaachisane akka hujii isaaniititti ilaali!» jedhee daadimadhe.
NEH 6:15 Ijaarsi dalleyaa guyyaa shantamii lama keessatti ji'a Elul jedhamu keessa gaafa guyyaa diddamii shanii fixame.
NEH 6:16 Diinoti keenna gosi adda addaa ta adaala keennaa marti waan kana yennaa dhage'ane, hujiin tun qarqaarsa Waaqaatiin akka hujante hubatanee, qaanowanee sodaatane.
NEH 6:17 Yennaa san qondaallan biyya Yihuda'aa xalayaa hedduu gara Xobiiya'aa erganee, Xobiiyaalle deebii isaanii deebise.
NEH 6:18 Sababille Xobiiyaan intala Shekaaniyaa ilma Araa waan fuudheeruuf, akkasuma ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaamii ilma Berekiiyaa waan fuudheeruuf, Yihudoota keessaa namooti hedduun isaaf kakataneeran.
NEH 6:19 Itti dabalaneelle hujii isaa dansaa natti himaa, waan ani dubbadhulle isatti himaa turane; Xobiiyaalle na sodaachisiisaaf xalayaa natti ergaa ture.
NEH 7:1 Dalleenni deebi'ee ijaaramee, cufanaan itti keyameen duuba, worra karra eeguuf, worra faarfatuu fi worra Lewwootaatiif hujiin isaanii kennanteef.
NEH 7:2 Anille qachaa Yerusaalemii akka bulchanuuf, namoota lama file; isaanille obboleessa kiyya Haanaanii fi Hanaaniya'a; Hanaaniyaan nama itti gaafatamaa kushe'ee, nama addatama'aa fi nama namoota hedduu caalaa Waaqa sodaatu.
NEH 7:3 Anille, «Barii haga aduun o'itutti karri Yerusaalemii akka hin bananne, galgala worri karra eegu adoo hin galin dura karra cufee akka danqaru, akkasuma Worra Yerusaalem keessa le'u keessaa eeddota filanee, gariin addee eegamuu malte akka eeganu, gariin adaaluma mana ifii akka eeganu fila'a» jedhee isaan ajaje.
NEH 7:4 Qachaan Yerusaalemii badhaa gudda'a; kolbaan qachaa san keessa leetu ammoo diqqo'o; manni hedduulle itti ijaaramee hin jiru.
NEH 7:5 Waaqi akka ani qondaaltotaa fi bulchitoota, kolbaalle wolitti qabee akka hidda dhaloota isaaniititti galmeessu na kakkaase; ani galmee hiddi dhaloota worra qara booji'amee deebi'ee irra jiru dhagge; ani barreeffama asiin gad jiru keessatti dhagge:
NEH 7:6 Worra Nebukadnezaar mootiin Baabilonii booji'eeruun, gara Yerusaalemii fi Yihuda'aa deebi'anee, tokko tokkoon isaaniituu gara qachaa ifii galane,
NEH 7:7 sooreyyiin isaanii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raa'amiiyaa, Nahamaani, Mordekaayi, Biilshaan, Miispheret, Biigwaayi, Nehumii fi Ba'anaah.
NEH 7:8 Sanyiin Faaroshii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama;
NEH 7:9 sanyiin Shefaaxiya'aa dhibba sadii fi torbaatamii lama;
NEH 7:10 sanyiin Ara'aa dhibba jaa fi shantamii lama;
NEH 7:11 sanyiin Iyaasu'uutii fi sanyii Yo'aabii ka te'e, sanyiin Fahat-Mo'aabii kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudhanii saddeeti;
NEH 7:12 sanyiin Elaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;
NEH 7:13 sanyiin Zaatu'uu dhibba saddeetii fi afurtamii shan;
NEH 7:14 sanyiin Zakaayii dhibba torbaa fi jaatama;
NEH 7:15 sanyiin Binu'uu dhibba jaa fi afurtamii saddeeti;
NEH 7:16 sanyiin Bebaayii dhibba jaa fi diddamii saddeeti;
NEH 7:17 sanyiin Azigaadii kuma lamaa fi dhibba sadii fi diddamii lama;
NEH 7:18 sanyiin Adoniiqaamii dhibba jaa fi jaatamii torba;
NEH 7:19 sanyiin Biigwaayii kuma lamaa fi jaatamii torba;
NEH 7:20 sanyiin Aadiinii dhibba jaa fi shantamii shan;
NEH 7:21 gosi Ateerii, sanyiin Hisqiyaasii sagaltamii saddeeti;
NEH 7:22 sanyiin Hashumii dhibba sadii fi diddamii saddeeti;
NEH 7:23 sanyiin Bezaayii dhibba sadii fi diddamii afur;
NEH 7:24 sanyiin Haarifii dhibba tokkoo fi kudhanii lama;
NEH 7:25 sanyiin Giibe'onii sagaltamii shan.
NEH 7:26 Kolbaan Betlihemiitii fi Netofa'aa dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeeti;
NEH 7:27 kolbaan Anaatotii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti;
NEH 7:28 kolbaan Beti-Azimaawetii afurtamii lama;
NEH 7:29 kolbaan Kiriiyat-Ya'ariimii, kolbaan Kefiira'aatii fi Berootii dhibba torbaa fi afurtamii sad;
NEH 7:30 kolbaan Raama'aatii fi Geba'aa dhibba jaa fi diddamii tokko;
NEH 7:31 kolbaan Miikmaashii dhibba tokkoo fi diddamii lama;
NEH 7:32 kolbaan Bet'elii fi Aayii dhibba tokkoo fi diddamii sad;
NEH 7:33 kolbaan Neboo dhibi'ii shantamii lama;
NEH 7:34 sanyiin Elaamii dhibi'ii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;
NEH 7:35 sanyiin Haariimii dhibba sadii fi diddama;
NEH 7:36 sanyiin Yeriko'oo dhibba sadii fi afurtamii shan;
NEH 7:37 sanyiin Lodii, sanyiin Haadiidiitii fi sanyiin Onoo dhibba torbaa fi diddamii tokko;
NEH 7:38 sanyiin Senaa kuma sadii fi dhibba sagalii fi soddoma;
NEH 7:39 Hayyooti: Sanyii Yedaa'iya'aa keessaa sanyiin Iyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sad;
NEH 7:40 sanyiin Iimerii kuma tokkoo fi shantamii lama;
NEH 7:41 sanyiin Faashihurii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba;
NEH 7:42 sanyiin Haariimii kuma tokkoo fi kudhanii torba.
NEH 7:43 Lewwooti: sanyiin Iyaasu'uu, maatiin Qadmii'eliitii fi Hodaawiya'aa torbaatamii afur;
NEH 7:44 faarfattoota keessaa: sanyiin Asaafii, dhibbaa fi afurtamii saddeeti;
NEH 7:45 Worra karra eegu keessaa: sanyiin Shaalumii, sanyiin Ateerii, sanyiin Xalmoonii, sanyiin Aquubii, sanyiin Haxiixa'aatii fi Shobaayii dhibba tokkoo fi soddomii saddeeti.
NEH 7:46 Worri tajaajiltoota Galma Waaqaa: sanyii Ziihaa, sanyii Hasufa'aa, sanyii Xabaa'otii,
NEH 7:47 sanyii Qerosii, sanyii Sii'aa, sanyii Faadonii,
NEH 7:48 sanyii Lebaana'aa, sanyii Hagaaba'aa, sanyii Shalmaayii,
NEH 7:49 sanyii Haanaanii, sanyii Giidelii, sanyii Gahaarii,
NEH 7:50 sanyii Re'aaya'aa, sanyii Resiinii, sanyii Neqoda'aa
NEH 7:51 sanyii Gaazaamii, sanyii Uza'aa, sanyii Faaseha'aa,
NEH 7:52 sanyii Besaayii, sanyii Me'uniimii, sanyii Nefushesiimii,
NEH 7:53 sanyii Baqbuqii, sanyii Haqufa'aa, sanyii Harhurii,
NEH 7:54 sanyii Baazliitii, sanyii Mehiida'aa, sanyii Haarsha'aa,
NEH 7:55 sanyii Baarqosii, sanyii Siisera'aa, sanyii Tama'aa,
NEH 7:56 sanyii Nesiiya'aatii fi sanyii Haxiifa'aa ti.
NEH 7:57 Sanyii tajaajiltoota Solomoonii keessaa: sanyii Soxaayii, sanyii Soferetii, sanyii Firiida'aa,
NEH 7:58 sanyii Ya'ala'aa, sanyii Daarqonii, sanyii Giidelii,
NEH 7:59 sanyii Shefaaxiya'aa, sanyii Haxiilii, sanyii Fokeret-Hasbaayimiitii fi sanyii Amoonii ti.
NEH 7:60 Sanyiin tajaajiltoota Galma Waaqaa martii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii wolumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama.
NEH 7:61 Worri qachaa Tel-Melaatii irraa, qachaa Tel-haareshaatii irraa, qachaa Keruubii irraa, qachaa Adoniitii fi qachaa Iimerii irraa deebi'anee dhufane ammoo sanyii isaanii yookiin abuubota isaanii Israa'el akka te'ane mirkaneessiisa hin dandeenne.
NEH 7:62 Isaanille sanyii Delaaya'aa, sanyii Xobiiya'aatii fi sanyii Neqoda'aa ti; laakkossi isaanii dhibba jaa fi afurtamii lama.
NEH 7:63 Ammalle, hayyoota keessaa: sanyiin Habaaya'aa, sanyiin Haqoziitii fi Baarzilaayii ka intala Baarzilaayii Giilaadichaa fuudhee maqaa kanaan waamamane;
NEH 7:64 worra akka hidda dhaloota isaaniititti barreeffame keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef, isaan akka qulqullummaa hin qannetti laakkowamanee, hujii hayyumma'aa keessaa baasane;
NEH 7:65 Bulchaan Yihudootaa, «Haga hayyuun Uriimii fi Tumiimiin tajaajilu dhaggamutti sagalee woyyittii hin nyaatina'a» jedhee isaanitti hime.
NEH 7:66 Laakkossi worra booji'amee deebi'ee wolumatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama.
NEH 7:67 Kana biratti laakkossi tajaajiltoota isaanii dhiiraa fi dubartiin kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; isaan faarfattootalle dhiiraa fi dubartii dhibba lamaa fi afurtamii shan qaban.
NEH 7:68 Fardooleen isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaa; gaangoleen isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan;
NEH 7:69 Gaalota dhibba afurii fi soddomii shanii fi harreelee kuma jaa fi dhibba torbaa fi diddama qaban.
NEH 7:70 Dura aantoti firaa gariin hujii tanaaf kennansa kennane. Bulchaan biyyaa worqii gara kiiloo saddeetii, qorii boboollittii shantama, woyaa hayyootaa dhibba shanii fi soddoma kenne.
NEH 7:71 Dura aantoti firaa gariin worqii gara kiiloo dhibbaa fi jaatamii saddeetiitii fi meetii gara kiiloo kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamaa Galma Waaqaa deebisanee ijaariisaaf kennane.
NEH 7:72 Kolbaan worri hafane wolumatti worqii gara kiiloo dhibbaa fi jaatamii saddeetii, meetii gara kiiloo kuma tokkoo fi dhibba tokkootii fi woyaa hayyootaa jaatamii torba kennane.
NEH 7:73 Maarre Hayyooti, worri Lewwootaa, eeddoti karraa, faarfattooti, kolbaan worri kuunille, tajaajiltooti Galma Waaqaa, Israa'elooti martinuu qachaa ifii keessa qubatane.
NEH 8:1 Kolbaan Israa'elii martinuu ji'a torbeesso'oo qachoota ifiititti qubatte; ji'a san guyyaa qaraa kolbaan duudiin Yerusaalemitti karra «Karra bisaanii» jedhamu fuula duratti gara keessaatitti tokkumma'aan wolitti qabante; isaanille Izraa barreessaa kitaabaa, «Kitaaba Seera Muuse'ee ka Waaqi kolbaa Israa'eliitiif kenne fidi!» jedhanee gaafatane.
NEH 8:2 Ji'a torbeesso'oo, guyyaa qaraa Izraan hayyichi nami hubatuu dande'u duudiin: dhiirti, dubartiin, diqqa'aa fi guddaan addee wolitti qabamaneeranutti Kitaaba Seeraa fide.
NEH 8:3 Inni gara gumii karra bisaanii fuula dura jirtuu garagalee, dhiiraa fi dubartii, akkasuma worra wo hubatuu dande'u duratti ganamaa haga orra'aa, qoonqoo guddo'oon dubbise; kolbaan duudiin Kitaaba Seeraa san akka dansaa dhageette.
NEH 8:4 Izraan barreessaan kitaabaa waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta mukaa, guyyaa haajaa akkasii kanaaf irra dhaabbatiisaaf hujante irra dhaabbate; gara harka isaa middaatiin Matiitiyaan, Shemaan, Anaayaan, Uriiyaan, Hilqiiyaanii fi Ma'aseyaan, gara harka isaa bita'aatille'een Phedaayaan, Miishaa'el, Malkiiyaan, Hashum, Haashabadaanaan, Zakaariyaasii fi Meshulaam isa cinaa dhaabbataneeran.
NEH 8:5 Izraan addee ol kaate irra waan dhaabbateeruuf, kolbaan duudiin gara isaa ilaaliisatti jirtiiyyu; akkuma inni Kitaaba san baneen, isaan martinuu ka'anee dhaabbatane.
NEH 8:6 Izraalle Mootii Waan Maraa Waaqa guddicha leellise; kolbaan duudiin harka ifii ol qabattee «Ameen, ameen!» jette; achiin duuba adda ifiille'een lafatti gad jiddee Mootii Waan Maraatiif sagadde.
NEH 8:7 Achiin duuba isaan martinuu ka'anee, adduma jiranutti dhaabbatane; worri Lewwootaalle, Iyaasuun, Baaniin, Sherebiiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiiyaan, Ma'aseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad, Haannaanii fi Phelaayaan Kitaaba Seeraa san kolbaa hubachiisane.
NEH 8:8 Isaanille Kitaaba Seera Waaqaa san kolba'aaf dubbisanee, akka wonni dubbifamu kolba'aaf galu hiikanee issane.
NEH 8:9 Kolbaan duudiin waan Seerri jedhu yennaa dhageette waan bootteef, Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan hayyichi barsiisaan kitaaba seeraatii fi Lewwooti worri seera hiikanee kolbaa barsiisane, «Guyyaan kun Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyicha waan te'eef, isin hin gaddina'a, hin bowna'a!» jedhanee isaan duudi'itti himane.
NEH 8:10 Nahimiyaan, «Dhaqa'aatii sagalee filante nyaadha'a; untoo mi'oottuulle una'a! Worra hin qannelle'eef irraa qooda'a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te'eef, hin gaddina'a!» jedhe.
NEH 8:11 Worri Lewwootaalle kolbaa duudi'iin, «Guyyaan kun woyyicha waan te'eef, cadhisa'a; hin gaddina'a!» jedhanee cadhisiisane.
NEH 8:12 Kolbaan duudiin jechoota isaaniif dubbifame waan hubataneef, nyaatiisaa fi uniisaaf, waan qabanu irralle'ee worra dhibi'iif qoodiisaaf, gammadiisaafille gara mana mana ifii galane.
NEH 8:13 Guyyaa lammeesso'oo worri sooreyyii firaa duudiin hayyootaa fi Lewwoota woliin jechoota Seera sanii baratiisaaf, Izraa barsiisaa Seera Kitaabaa biratti wolitti qabamane.
NEH 8:14 Isaanille ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne keessatti, «Ji'a torbeesso'oo keessa yennaa jila gose'ee jilifatanu, kolbaan Israa'elii gosee keessa teetuu ti!» jedhu, Seera keessatti bareeffameeruun dhaggane.
NEH 8:15 Maarre isaan, «Akkuma barreeffametti gosee ijaariisaaf gaaratti ol baya'aatii, dameelee ejersa zayiti'iitii fi ejersa badda'aa, dameelee muka dakkaraa, meexxi'ii fi dameelee muka baala-qabeeyyi'ii fida'a!» jedhanee, qachoota isaanii duudi'ii fi Yerusaalem keessatti lassane.
NEH 8:16 Tanaaf kolbaan baatee dameelee mukaa fiddee, tokko tokkoon isaanii heellichoo mana ifii irratti, dalleya mana ifiitii fi dalleya Galma Waaqaa keessatti, badhinna karra bisaanii jedhamutti, badhinna karra Efreemii duralle'etti gosee ijaarane.
NEH 8:17 Namooti biyya itti booji'amanee deebi'ane duudiin gosee ijaarratanee keessa tee'ane; eegii bara Iyaasuu ilma Nuniitii haga guyyaa saniititti kolbaan Israa'elii akkas gammaddee hin beettu; gammadi itti dhage'amelle akka malee gudda'a.
NEH 8:18 Izraan guyyaa duraatii jalqabee haga guyyaa muummeffata jilaatitti, guyyuma guyya'aan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise; isaan jila san haga guyyaa torbaa jilifatane; akkuma Seerri ajajutti guyyaa saddeetesso'oo aadaan muummeffata jilaa godhame.
NEH 9:1 Ji'uma san gaafa guyyaa diddamii arfeesso'oo Israa'elooti marroo cubbu'uutiif akka gaddane mudhisiisaaf woyaa gaddaa uffatanee, bukuu mataa ifii irratti firfifatanee, laamiisaaf wolitti qabamane.
NEH 9:2 Worri sanyii Israa'elii te'ane martinuu worra ormaa irraa gargar bayanee dhaabbatanee, cubbuu ifii hujanee fi abbootiin isaanii hujje duudii dhugaa-baasane.
NEH 9:3 Adduma dhaabbatanetti saatii sadiif kitaaba Seera Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii, isaaniif dubbifame; akkasuma saatii sadiif cubbuu ifii dhugaa-baasaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif sagadane.
NEH 9:4 Iyaasuun, Baani, Qadmii'el, Shebaniyaan, Buni, Sherebiiyaan, Baanii fi Kenaan fa'a, yaabbannoo worri Lewwootaa irra bayanu irra dhaabbatanee, qoonqoo guddo'oon gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatane.
NEH 9:5 Lewwooti worri Iyaasuu, Qadmii'el, Baani, Hashabniiyaa, Sherebiiyaa, Hodiiyaa, Shebaniyaa fi Fitaahiyaa jedhamanu, «Ka'a'aatii Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka bara baraa leellifadha'a! ‹Maqaan keeti ulfaataan, ka galataa fi eebba duudii irra ol aanu leellifamuu ti!› jedha'a!» jedhane.
NEH 9:6 Achiin duuba kolbaan Israa'elii, «Ee Mootii Waan Maraa! Mootiin Waan Maraa si qofa. Ol-gubbaa, ol-gubbaa ol-gubbootaalle dada isaan keessaa woliin, lafaa fi waan isii irra jiru duudii, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii sittuu dade. Ati isaan duudi'iifuu jiruu kennite; dadi ol-gubba'aa si'iif sagaddi.
NEH 9:7 «Ati Mootii Waan Maraa Waaqa Abraam filattee, biyya Kaldootaa Ur keessaa baattee, maqaa isaa ‹Abrahaam› jettee moggaatte.
NEH 9:8 Akkasuma inni si'iif addatamaa akka te'e dhaggitee, biyya kana'aanotaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Yibusootaatii fi Girgaashotaa isaa fi sanyii isaatiif kenniisaaf waadaa galte. Ati qajeelaa waan teeteef, waadaa galte isaaf muummessite.
NEH 9:9 «Biyya Gibxi'iititti rakkinna abbootii teenna dhaqqabe dhaggitee, abbaayaa diintuu birattille iyya isaanii dhageettee,
NEH 9:10 mootiin Gibxi'ii, qondaaltoti isaatii fi kolbaan lafa isaa irra leetu attam akka kolbaa teeti hucuucane waan beetteef, baasaa fi bilbaasa hujjee itti mudhitte. Tana waan gooteef, gurri keeti haga adhaa ol ka'eera.
NEH 9:11 Abbaayaa fuula isaanii duratti gargar qooddee, lafa godduu irra akka dabaranu goote. Akka dhakaa abbaayaa qile'etti qolaanfamuu, worra isaan ari'aa turelle qile'etti qolaansite.
NEH 9:12 Kolbaa teeti ammoo, guyyaa utubaa duumensaatiin, halkanille karaa isaan irra deemanu akka isaaniif issuuf, utubaa ibiddaatiin sooressite.
NEH 9:13 «Ati ol-gubbaa irraa gara gaara Siina'aa gad buutee, isaanitti dubbattee, seera qajeela'aa fi muraa dhuga'aa, sirnaa fi ajaja dansaa isaaniif kennite.
NEH 9:14 Sanbata keeti woyyichalle akka beekanu gootee, karaa garbicha keeti Muuse'eetiin, ajaja, sirnaa fi seera keeti isaaniif kennite.
NEH 9:15 Yennaa beelayanelle ol-gubbaa irraa sagalee isaaniif kennitee, yennaa dheebotanelle rassaa keessaa bisaan isaaniif burqisiitte. Biyya isaanii kenniisaaf waadaa galtetti akka galanuuf isaan ajajje.
NEH 9:16 «Abbootiin teenna ammoo koortee, mataa jabaattee, ajaja keetiif ajajamuu didde.
NEH 9:17 Isaan ammoo ajajamuu didanee, bilbaasa ati isaan oddu'utti hujjelle dedhane. Mataa jabaatanee gara garbummaa ifii Gibxi'iititti deebi'iisaaf nama isaan sooressu filatane. Ati ammoo Waaqa jaalala bara baraatiin guutanteertu, ka mufi'iif hin ariifanne, ka araarantu, arja'aa fi mararaa waan teeteef isaan hin lakkinne.
NEH 9:18 Isaan fakkii jabbi'ii ifiif hujanee, ‹Mootiin Waan Maraa ka biyya Gibxi'ii keessaa nu baase kana› jedhanee, isaan guddoo si faanshessane.
NEH 9:19 «Marartiin teeti guddoo waan teeteef, ati ammoo goomolee keessatti isaan hin lakkinne. Utubaan duumensaa guyyaa, utubaan ibiddaa ammoo halkan isaan sooresse.
NEH 9:20 Akka isaan barsiisuuf, Ayyaana keeti isaanii kennite. Mannaa isaan nyaatanuu fi bisaan unanu isaanii kennite.
NEH 9:21 Ati lafa goomole'ee keessatti woggaa afurtama isaan qarqaarte. Isaan womaa hin dhanne, woyaan isaanii hin dulloonne, miilli isaaniille hin iitonne.
NEH 9:22 «Ati mootummootaa fi gosa biyya adda addaa Israa'eliif kennitee, isaanille biyya sihoonii mootii Heshibooniitii fi Oogii mootii Baashaanii qabatane.
NEH 9:23 Ati ijoollee isaanii akka urjoota ol-gubba'aa baceessitee, gara biyyaa abbootiin isaanii itti galanee akka qubatanu waadaa galteetitti isaan galchite.
NEH 9:24 Ijoolleen isaaniille lafa Kana'aanii injifatanee qabatane; ati kolbaa achi keessa leetu mootota isaaniitii fi worra biyya sanii woliin akka fedhane akka isaan godhanuuf, harka isaanii keessa galchite.
NEH 9:25 Isaan qachoota gugurdaa ka dalleya dhaka'aa qabuu fi lafa laattuu, mana meya dadansa'aan guutamane, boolla bisaanii ta qotanteertu, addee woyni'iitii fi muka ejersaa, akkasuma mukoota midhaanii hedduu qabatane. Maarre isaan nyaatanee quufanee gabbatanee, waan dadansaa guddoo ati isaanii kennitetti gammadane.
NEH 9:26 «Duubarra ammoo ajajama didanee, si finqilanee, Seera keeti irra duubatti deebi'ane. Raagota teeti worra akka isaan gara keeti deebi'anu isaan xixe ijjeesanee, kana godhiisaan guddoo si faanshessane.
NEH 9:27 Tanaaf harka diinota isaanii, worra isaan rakkisetti dabarsitee isaan kennitee, isaan yennaa rakkatane sitti iyyane; ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee, marartii teeti guddo'oon, harka diinota isaanii keessaa worra isaan baasu sooreyyii isaaniif kennite.
NEH 9:28 «Isaan foora dhaggataneen duuba ammoo, deebi'anee si duratti hantuu hujanee, atille harka diinota ol aantumma'aan bulchutti isaan lakkitte. Te'uu malee yennaa isaan deebi'anee sitti iyyane, ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee, marartii teeti guddo'oon, yennaa hedduu isaan baache.
NEH 9:29 «Gara Seera keetii akka deebi'anuuf, ati isaan gorsiteerta. Isaan kooranee seera keeti didane; waan si duratti sirrii te'e ka nami eegatee ittiin le'u irratti ka'anee cubbuu hujane. Mataa jabaatanee dudda sitti galanee morma jabeeffatanee, dhage'iisa didane.
NEH 9:30 Ati bara hedduu isaaniif ossattee, karaa raagota teetiitiin Ayyaana keetiitiin isaan gorsite; te'uu malee isaan si hin dhageenne. Tanaaf ati kolbaa ollaa isaaniititti dabarsitee isaan kennite.
NEH 9:31 Ammalle ati Waaqa marartii guddoo qabu waan teeteef, isaan hin ganne yookiin hin balleessine. Ati Waaqa marara'a; arjaalle'e.
NEH 9:32 «Tanaaf amma, Waaqa keenna, ati gudda'a! Ati attam hunnaamessaa fi sodaatama'a! Ati Gondooro'oo fi jaalala keeti ka bara baraa ka eeddu! Rakkinna bara mootota Asooriitii jalqabee haga adhaalle nu irra, mootota teenna irra, qondaaltota teenna irra, hayyoota teenna irra, raagota teenna irra, abbootii teennaa fi kolbaa teeti mara irra geye qaabadhu!
NEH 9:33 Waan nu irra geye maraaf ati dhugaa qadda; nuuti yakkaameyyii teenulle, ati addatama'a.
NEH 9:34 Moototi teenna, qondaaltoti teenna, hayyooti teennaa fi abbootiin teenna Seera keeti hin eeganne. Yookiin ajaja keetii fi gorsa keeti hin qalbeeffanne.
NEH 9:35 Isaan mootummaa ifii keessatti, lafa badho'oo fi laattuu ati isaaniif kennite keessa, yennaa turaneeyyuu siif hin tajaajille; cubbuu ifii irraa hin deebine.
NEH 9:36 «Kunoo, nuuti adha lafa abbootiin teenna midhaan isi'iitii fi waan dansaa isiin baachu akka nyaatanuuf, ati isaaniif kennite keessatti garboota teene.
NEH 9:37 Sababa cubbuu teennaatiif, wonni hedduun latti kennitu, mootota worra ati nu irratti mootonsiteef galti; Isaan nu'uu fi horii keenna irratti akka jaalatane godhan. Nuuti rakkinna guddaa keessa jirra.
NEH 9:38 «Sababa waan te'e san maraa, nuuti barreeffamaan wolii galtee tokko goona; qondaaltoti teenna, Lewwooti teennaa fi hayyooti teenna chaappaa itti godhan» jedhane.
NEH 10:1 Worri wolii galtee mallatteesse kanatti aananee jiran; Nahimiyaa ilma Hakaaliya'aa ka biyya bulchu, Xidiiqiiyaa,
NEH 10:2 Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,
NEH 10:3 Phashihur, Amaariyaa, Malkiiyaa,
NEH 10:4 Haxushi, Shebaniyaa, Maluuk,
NEH 10:5 Hariim, Meremoot, Obaadiyaa,
NEH 10:6 Daani'el, Ginetoon, Baaruk,
NEH 10:7 Meshulaam, Abiiyaa, Miyaamin,
NEH 10:8 Maaziyaa, Biilgaayii fi Shemaa'iya'a; isaan kun worra hayyootaa ti.
NEH 10:9 Worra Lewwootaa keessaa ammoo, Iyaasuu ilma Azaaniya'aa, ilmaan Henaadaadii keessaa ammoo Biinuyi, Qadmii'elii fi,
NEH 10:10 firoottan isaanii, Shebaniyaa, Hodiiyaa, Qaliixaa, Pheelaayaa, Haanaan,
NEH 10:11 Miikaa, Rehoob, Hashabiiyaa,
NEH 10:12 Zaakur, Sherebiiyaa, Shebaniyaa,
NEH 10:13 Hodiiyaa, Baanii fi Beniinu.
NEH 10:14 Sooreyyii kolba'aa keessaa ammoo, Phaarosh, Phaahati-Mo'aab, Elaam, Zaatuu, Baanii,
NEH 10:15 Buni, Azigaad, Bebaayi,
NEH 10:16 Adoniyaa, Biigwaayi, Aadiin,
NEH 10:17 Ater, Hisqiyaa, Azur,
NEH 10:18 Hodiiyaa, Hashum, Bezaayi,
NEH 10:19 Hariif, Anaatoti, Nebaayi,
NEH 10:20 Maagphiyaashi, Meshulaan, Heziir,
NEH 10:21 Meshezaabi'el, Zaadoq, Yaaduwaa,
NEH 10:22 Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,
NEH 10:23 Hoshe'aa, Hanaaniyaa, Hashub,
NEH 10:24 Haloheshi, Philhaa, Shobeq,
NEH 10:25 Rehuum, Hashabnaa, Ma'aseyaa,
NEH 10:26 Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,
NEH 10:27 Maluuk, Haariimii fi Ba'ana'a.
NEH 10:28 Namoottaan worra hafane keessaa ammoo, Hayyooti, Lewwooti, worri karra eegu, faarfattooti, tajaajiltooti Galma Waaqaa, akkasuma worra Seera Waaqaatiif jedhanee kolbaa adaala san jirtu keessaa addaan ifi baasane maraa, dubartoota isaanii, ilmaan isaaniitii fi ijoollee durraa isaanii worra beekkumsaa fi hubantii qabu mara woliin,
NEH 10:29 firoottan isaanii, qondaaltota isaanii wolitti dabalamanee, seera Waaqaa ka harka Muusee garbicha Waaqaatiin kenname gula deemiisaaf, ajaja, seerata fi sirna Mootii Waan Maraa Goottaa keennaa maraayyuu eegiisaaf, yoo yakkane abaaramiisaaf kakatane.
NEH 10:30 Nuuti ijoollee durraa teenna namoota biyya sanii akka hin heerumsiinne, ijoollee durraa ta isaaniille ilmaan teenna akka hin fuusinne kakanne.
NEH 10:31 Namooti biyya sanii meya daldalaa yookiin midhaan gurguriisaaf, gaafa Sanbataa yoo fidane, gaafa Sanbataa yookiin guyyaa jilaa dhibiille, nuuti isaan irraa hin binnu. Woggaa torbeesso'ootitti fichaa bulchinee foorfachiinna; liqaa maralle hin lakkinna.
NEH 10:32 Nuuti tokko tokkoon keenna wogguma wogga'aan tajaajila mana Waaqa keennaatiif, sheeqelii harka sad keessaa tokko baasuu ifitti murre.
NEH 10:33 Kunille daabboo Waaqaaf kennantuuf, kennaa midhaanii ka guyyaa guyya'aan dhikaatuuf, kennansa ciinca'aa ka guyyaa guyya'aa dhikaatuuf, guyyaa Sanbataatiif, baatii ji'ootaatiif, guyyaa jila beekkamaneetiif, kennansa woyyichaa fi kolbaa Israa'eliitiif araara buusiisaaf ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaattu, hujii mana Waaqa keennaa keessatti hujantu maraaf ka te'u.
NEH 10:34 Nuuti hayyooti, Lewwooti, kolbaalle, akka seera keessatti barreeffantetti, ciincaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikaatu addee ciinca'aa irratti ciincessiisaaf, qoraan barbaachisu, maatii dhikeessitu murteessiisaaf, wogguma wogga'aan hixaa buufanna.
NEH 10:35 Nuuti wogguma wogga'aan midhaan galfannuu fi midhaan mukaa mara keessaa mataa mataa gara Galma Mootii Waan Maraa finna.
NEH 10:36 Ilma angafa tokko tokkoo keennaaf dhalate, gara hayyoota Galma Waaqa keennaa keessa tajaajilanuu geessinee, akkuma seera keessatti barreeffante, achitti Waaqaaf adda baanna. Akkasuma angafa loon keennaa, angafa hoolotaa fi re'oota teennaalle Waaqaaf adda baanna.
NEH 10:37 Itti daballeelle bukoo midhaan keennaa ka qaraa irraa, kennaa midhaan keennaa irraa, midhaan mukaa mara irraa, daadhii woyni'ii haareya irraa, zayitii ejersaa irralle'ee hayyootaaf akka te'anu, Galma Waaqa keennaa keessatti addee meen itti galfamutti geessina; qachoota nuuti keessa hunyu marattuu kudhan keessaa tokko worri guuru Lewwoota waan te'eef, kudhan keessaa tokko midhaan keenna Lewwootaaf geessina.
NEH 10:38 Yennaa Lewwooti kudhan keessaa tokko kana fudhatanu, hayyichi sanyii Aaronii isaan biratti dhaggama; worri Lewwootaa ammoo kudhan keessaa tokko ka guurane san keessaa, kudhan keessaa tokko gara Galma Waaqa keennaa fidanee addee meen itti galfamutti galchan.
NEH 10:39 Lewwootii fi kolbaan Israa'elii kennaa midhaan adda addaa, woynii haareyaa fi zayitii ejersaa addee meen Galma Waaqaa keyamuu fi addee hayyooti worri hujii irra jiranu, worri karra eeguu fi faarfattooti tee'anutti geessan; nuuti ammoo Galma Waaqa keennaa hin lakkinnu.
NEH 11:1 Bulchitooti kolba'aa qachaa Yerusaalemii keessa le'ane; kolbaan worri hafane hixaa buufatanee maatii kudhan kudhan keessaa tokko qachaa guddaa woyyicha Yerusaalem keessa le'iisaaf filatamanee, worri hafe ammoo qachoota dhibii keessa le'ane.
NEH 11:2 Kolbaalle namoota worra fedha ifiitiin Yerusaalem keessa le'iisaaf ifi kennane mara eebbiche.
NEH 11:3 Kolbaan Israa'elii gariin, hayyooti, Lewwooti, tajaajiltooti Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii qachoota lafa Yihuda'aa keessa jiranu lafuma ifii keessa qachaa ifii keessa le'ane.
NEH 11:4 Sanyii Yihuda'aatii fi sanyii Beniyaaminii keessalle'ee gariin Yerusaalem keessa le'ane. Sanyiin Yihuda'aa: Atayaa ilma Uziya'aa, akaakoo Zakaariyaasii ti. Sanyiin isaa Amaariyaa, shefaaxiya'aa fi Mahalalelii sanyii Faaresiille dabalata.
NEH 11:5 Akkasuma Ma'aseyaa ilma Baarukii, akaakoo Kolhozee ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Shelaa Hazaayaa, Adaayaa, Yoyaariib fi Zakaariyaas.
NEH 11:6 Sanyiin Faaresii worri Yerusaalem keessa le'ane, loltooti beekkamane, namoota dhibba afurii fi jaatamii saddeeti.
NEH 11:7 Sanyii Beniyaaminii keessaa: Sa'aaluu ilma Meshulaamii, akaakoo Yo'edii ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Fedaayaa, Qolaayaa, Ma'aseyaa, Itii'el, Yeshaa'iya'a.
NEH 11:8 Beniyaaminitti aananee, Gabaayii fi Silaayi, wolumatti sanyiin Beniyaaminii dhibba sagalii fi diddamii saddeetitti Yerusaalem keessa le'e.
NEH 11:9 Yo'el ilmi Ziikrii toowataa isaanii ti; Yihudaan ilmi Hasenu'aa qachaa irratti itti aanaa toowataa qacha'aa ti.
NEH 11:10 Hayyoota keessaa: Yedaa'iyaa ilma Yoyaariibiitii fi Yaakiin.
NEH 11:11 Seraayaan ilma Hilqiiya'aa, akaakoo Meshulaamii ti. Sanyiin isaa Zaadoq, Meraayootii fi ka dur Galma Waaqaa keessatti hayyicha guddaa te'eeru Ahiixub fa'a.
NEH 11:12 Sanyiin Seraaya'aa worri Galma Waaqaa keessa tajaajilane wolumatti namoota dhibba saddeetii fi diddamii lama. Isaanille Adaayaa ilma Yerohaamii, akaakoo Felaaliya'aa ti. Sanyiin isaa Amzii, Zakaariyaas, Fash-Hurii fi Milkiiyaa fa'a.
NEH 11:13 Sanyiin Adiya'aa, abbootiin firaa dhibba lamaa fi afurtamii lama. Isaanille Amash-saayii ilma Azaari'elii akaakoo Ahazaayii ti. Sanyiin isaa Mashilemootii fi Iimer fa'a.
NEH 11:14 Sanyiin isaanii loltooti beekkamane dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti. Toowataan isaanii Zabdii'elii ilma Hagdoolimii ti.
NEH 11:15 Lewwoota keessaa: Shemaayaa ilma Hashubii akaakoo Azriiqaamii ti. Sanyiin isaa Hashabiya'aa fi Buni fa'a.
NEH 11:16 Shabetaayii fi Yozaabaad, bulchitoota Lewwootaa, ta hujii Galma Waaqaatiin alaa ti.
NEH 11:17 Mataaniiyaa ilma Miika'aa, akaakoo Zabdii, sanyii Asaafii, ka daadimata leellisaa faaru'uun faarfattoota Galma Waaqaa sooresse. Gargaaraan isaa Baqbuqiiyaa; Abdaan ilma shamu'aa, akaakoo Gaalaalii sanyii Yedutuu ti.
NEH 11:18 Wolumatti Lewwoota dhibba lamaa fi saddeettamii afuritti qachaa Yerusaalemii woyyicha keessa le'e.
NEH 11:19 Eeddoti Galma Waaqaa: Aquub, Xalmoonii fi firoottan isaanii wolumatti dhibba tokkoo fi torbaatamii lama.
NEH 11:20 Kolbaan Israa'elii ta dhibiin, hayyootaa fi Lewwooti worri hafane, qachoota Yihuda'aa keessa lafuma ifii keessa qachoota Yihuda'aa dhibii keessa le'ane.
NEH 11:21 Tajaajiltooti ammoo Galma Waaqaa gaara Ofeelii gubbaa le'ane; Ziihaa fi Gishiphaan toowattoota isaanii ti.
NEH 11:22 Toowataan Lewwootaa ka Yerusaalem keessa le'e Uzii ilmi Bunii, akaakoo Hashabiiya'aa ti. Sanyiin isaa Mataaniiya'aa fi Miikaa sanyii Asaafii, worra dur itti gaafatantoota faarfannaa Galma Waaqaa keessaa te'ee ti.
NEH 11:23 Dabareen guyyaa guyya'atti worra faarfattootaatiif kennamuu male akka kennamuuf, mooticha biraa ajaji bayeeru jiraayyu.
NEH 11:24 Sanyii Yihuda'aa ka te'e, sanyii Zera'aa, ilmi Meshezaabi'elii Fetaahiyaan mooticha biratti bakka bu'aa Israa'elii ti.
NEH 11:25 Kolbaan Yihuda'aa gariin qachoota asii gadii ka fichaa isaaniitiin cina'aa: qachaa Kiriyaat-Arabaatii fi olloota isaa keessa, qachaa Dhiibooniitii fi olloota isaa keessa, qachaa Yiqaabzii'eliitii fi olloota isaa keessa.
NEH 11:26 Akkasuma qachaa Yeshu'aa, qachaa Molaada'aa, qachaa Bet-Phaalexii,
NEH 11:27 qachaa Hazarshu'aalii, qachaa Bersheeba'aatii fi olloota isaa keessa,
NEH 11:28 qachaa Siiqlaagii keessa, qachaa Mekona'aatii fi olloota isaa keessa,
NEH 11:29 qachaa En-Rimoon keessa, qachaa Zaarii'a'aa keessa, qachaa Yarmuutii keessa,
NEH 11:30 qachaa Zaano'a'aa keessa, qachaa Adunaamiitii fi olloota isaa keessa, qachaa Laakiishiitii fi fichaa cinaa isaa keessa, qachaa Aazeqa'aatii fi olloota isaa keessa le'ane. Maarre isaan biyya Bersheeba'aatii haga dhooqa Hiinomiititti qubatane.
NEH 11:31 Sanyiin Beniyaaminii ka Geba'aa dhufane, qachaa Makma'aa keessa, qachaa Ayyaatii keessa, qachaa Bet'eliitii fi olloota cinaa isaa keessa,
NEH 11:32 qachaa Anaatotii keessa, qachaa Nobii keessa, qachaa Anaaniiyaa'aa keessa,
NEH 11:33 qachaa Hazoorii keessa, qachaa Raama'aa keessa, qachaa Giitaayimii keessa,
NEH 11:34 qachaa Haadiidii keessa, qachaa Zebo'iimii keessa, qachaa Nebaalaaxii keessa,
NEH 11:35 qachaa Lodiitii fi Onoo keessa, dhooqa namoota hujii harkaa hujuu keessalle qubatanee le'ane.
NEH 11:36 Lewwooti dur lafa Yihuda'aa keessa le'anu gariin lafa kolbaa Beniyaaminii keessa qubatane.
NEH 12:1 Hayyootii fi Lewwooti worri Zarubaabelii ilma She'altii'eliitii fi Iyaasuu woliin booju'uu deebi'ane, hayyooti: Seraayaa, Ermiyaas, Izraa
NEH 12:2 Amaariyaa, Maluuk, Haxushi,
NEH 12:3 Shekaaniyaa, Rehuum, Meremoot,
NEH 12:4 Iddoo, Giinetoo, Abiiyaa,
NEH 12:5 Miyaamin, Ma'adiiyaa, Biilgaa,
NEH 12:6 Shemaayaa, Yoyaariib, Yedaa'iyaa,
NEH 12:7 Sa'aaluu, Aamoq, Hilqiiya'aa fi Yedaa'iya'a. Isaan kun bara Iyaasu'uu keessatti sooreyyii hayyoota firoota isaanii ti.
NEH 12:8 Lewwooti: Iyaasuu, Biinuyi, Qadmii'el, Sherebiiyaa, Yihuda'aa fi Mataaniya'a. Mataaniyaan firoota ifii woliin itti gaafatamaa faaruu leellisaa ti.
NEH 12:9 Firooti isaanii Baqbuqiiyaanii fi Uniiyoon yennaa tajaajilaa isaanitti aananee dhaabbatan.
NEH 12:10 Iyaasuun Yoyaaqiim uumate, Yoyaaqiim Eliyaashiib uumate, Eliyaashiib yoyaadaa uumate,
NEH 12:11 Yoyaadaan Yonaataan uumate, Yonaataan Yaaduwaa uumate.
NEH 12:12 Bara Yoyaaqiim hayyicha guddaa te'eerutti, hayyooti sooreyyii fira hayyootaa te'ane: fira Seraaya'aatiif, Meraaya'a; fira Ermiyaasiitiif, Hanaaniya'a;
NEH 12:13 fira Izra'aatiif, Meshulaam; fira Amaariya'aatiif, Yehohaanaan;
NEH 12:14 fira Meliikuutiif, Yonaataan; fira Shebaaniya'aatiif, Yoseef;
NEH 12:15 fira Haariimiitiif, Adna'a; fira Meraayootiif, Helqaayi;
NEH 12:16 fira Iddootiif, Zakaariyaas; fira Giinetooniitiif, Meshulaam;
NEH 12:17 fira Abiiya'aatiif, Ziikri; fira Miyaaminiitii fi fira Mo'aadiiya'aatiif, Phiilxaayi;
NEH 12:18 fira Biilgaatiif, Shamu'a'a; fira Shemaya'aatiif, Yehonaataan;
NEH 12:19 fira Yoyaariibiitiif, Matenayi; fira Yedaa'iya'aatiif, Uzi;
NEH 12:20 fira Saalaayiitiif, Qalaayi; fira Aamoqiitiif, Ebeer;
NEH 12:21 fira Hilqiiya'aatiif, Hashabiiya'a; fira Yedaa'iya'aatiif, Nataani'el;
NEH 12:22 Bara Eliyaashaab, Yoyaadaan, Yohaannaanii fi Yaaduwaan hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, galmeen sooreyyii fira Lewwootaatii fi sooreyyii fira hayyootaa tun, bara Daariyos mooticha Faaresii te'eerutti galmeeffante.
NEH 12:23 Sooreyyiin maatii Lewwootaa haga bara Yohaannaan ilma Eliyaashiibii jiru qofa galmee dabarsi'ii keessatti galmeeffamane.
NEH 12:24 Lewwooti qajeelfama sooreyyii Lewwootaa Hashabiiyaa, Sherebiiya'aa fi Iyaasuu ilma Qadmii'eliitiin, addee lamatti qoodamanee, fuullee wolii dhaabbatanee, nami Waaqaa Daawiti akka ajajetti wol irraa fufuudhaa leellisaa fi galata Waaqaaf galchane.
NEH 12:25 Mataaniiyaan, Baqbuqiiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Xalmoonii fi Aquub eedduu mana meyaa, ka karra dalleya Galma Waaqaa biraa ti.
NEH 12:26 Namooti kun bara Yoyaaqiimiin ilmi Iyaasuu akaakoo Yozaadaaqii, akkasuma bara Nahimiyaan biyya bulchuu, bara Izraan hayyichaa fi barsiisaa Seera Muuse'ee te'eeru tajaajilane.
NEH 12:27 Yennaa dalleenni qachaa Yerusaalemii eebbifame, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, kiraaraa fi maseenqo'oon, faaruu galataatiin gammadaan akka isaan jilifatanu, Lewwoota addee isaa le'anu maraa gara Yerusaalemii fidane.
NEH 12:28 Faarfattoota maatii Lewwootaa addee isaan qubataneeranu adaala Yerusaalemiitii fi adaala olloota Nefaatotaa keessaa,
NEH 12:29 Bet-giilgaalii, Geba'aa fi Bet-Azmaawet irraa wolitti qabamane.
NEH 12:30 Hayyootii fi Lewwooti akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi qulqulleessanee, kolbaa, karra dalleyaatii fi dalleya qacha'aa qulqulleessane.
NEH 12:31 Achiin duuba ani Nahimiyaan sooreyyii Yihuda'aa dalleya irratti akka bayanu godhee, golii gugurdoo lamatti qoodee Waaqaaf galata galchaa qachaa akka naannowanu godhe. Goliin qaraa harka middaatiin dalleya irra gara karra, «karra kosi'ii» jedhantu dhaqane.
NEH 12:32 Hoshaa'iya'aa fi gamisi sooreyyii Yihuda'aa faarfattoota san duubaan ideemane;
NEH 12:33 Azaariyaan, Izraan, Meshulaam,
NEH 12:34 Yihudaan, Beniyaamin, Shemaa'iyaanii fi Ermiyaas,
NEH 12:35 ammalle Hayyooti gariin worri tultullaa afuufu, Zakaariyaasii ilma Yonaataanii, akaakoo Shemaa'iya'aa woliin dhaqane; sanyiin isaa Mataaniyaa, Mikaayaa, Zaakurii sanyii Asaafii fa'a.
NEH 12:36 Ammalle sanyiin Zakaariyaasii: Shemaa'iyaan, Azaari'el, Milalaayi, Gilalaayi, Nataani'el, Yihuda'aa fi Haanaan, meya ittiin faarfatanu ka akka Daawitiin nama Waaqaa faarfatuu qabatanee isa gula deemane; barsiisaan Seera Muuse'ee Izraan isaan sooresse.
NEH 12:37 Karra madda bisaanii yennaa geyane, yaabbannoo irra gara qachaa Daawitii ol bayanee, mana mootummaa Daawitii irra dabaranee, karaa aduun baatuun gara karra bisaanii deebi'ane.
NEH 12:38 Goliin faarfattootaa ta lammeesso'oo, dalleya irra gara bita'aa deemane. Anille kolbaa gamisa woliin isaan gula deemee, xelleephoo ibiddaa bira dabarree, dalleya badhaa bira geenne.
NEH 12:39 Karra Efreemii gubbaarra, karaa karra dullatti'iitiin, karaa karra qurxummi'iitiin, karaa xelleephoo Hanaani'eliitii fi karaa xelleephoo «Dhibba» jedhantuun, gara karra hoolotaa dhandhe; karra worra eeddotaa biratti dhaabbane;
NEH 12:40 goliin faarfattootaa lamaanuu worri Waaqaaf galata galchinu adaala Galma Waaqaa geenne. Worra sooreyyii na woliin jiranu irratti dabalamiisaan,
NEH 12:41 hayyooti tultullaa afuufanu ka na woliin jiranu Eliyaaqim, Ma'aseyaa, Miyaamin, Miikaayaa, Eliyo'enaayi, Zakaariyaasii fi Hanaaniya'a;
NEH 12:42 ammalle Ma'aseyaa, Shemaa'iyaa, Ele'azaar, Uzii, Yehohaanaan, Malkiiyaa, Elaamii fi Azer; faarfattooti Yizraayaatiin sooreffamiisaan qoonqoo guddo'oon faarfatane.
NEH 12:43 Guyyaa san Waaqi waan guddoo isaan gammachiiseef, kolbaan gammadaan guutantee, woreega hedduu kennite; dubartootii fi ijoolleelle gammadde. Shookkessi gammada isaanii qachaa Yerusaalemii irraa fago'otti dhage'ame.
NEH 12:44 Guyyuma san namooti mana meyaa ka kennansi kennamu, midhaan mata'aatii fi kudhan keessaa tokko itti kuufamu irratti itti gaafatantoota akka te'anu muudamane; namooti kun akka Seeraatitti hayyootaa fi Lewwootaafille qooda kennamu, fichaa adaala qachoota isaanii jiru irraa mana kuusa'aatitti wolitti qabiisaafille itti gaafatamummaa qaban. Kolbaan Yihuda'aa martinuu hujii hayyootaatii fi Lewwootaatitti gammadde.
NEH 12:45 Isaan tajaajila Waaqa isaaniitii fi aadaa dhugeeffanna'aa ta qulqulleeffanna'aa godhane. Faarfattootii fi eeddoti karraalle akkuma ajaja Daawitiitii fi ilma isaa Solomooniititti, huji ifii hujane.
NEH 12:46 Bara durii, bara Daawitiitii fi Asaafii, sooreyyiin faarfattootaa, faaruun leellisa Waaqaatii fi Waaqa galateeffatiisaalle hin jiraniiyyu.
NEH 12:47 Bara Zerubaabeliitii fi Nahimiya'aa Israa'elooti marti faarfattootaa fi eeddota karraatiif qooda isaanii guyyuma guyya'aan hin kennan. Kolbaa Lewwootalle'eef qooda isaanii kennaa turane; Lewwootille waan qooda ifii irraa hayyootaaf hin kennaniiyyu.
NEH 13:1 Gaafas isaan kitaaba Muuse'ee qoonqoo ol qabatanee dubbisane; kitaaba san keessalle'etti «Worri Amooniitii fi Mo'aabii ijjumaa wolde'a Waaqaatitti hin makamin» jedhantee ta barreeffanteertu dhaggane.
NEH 13:2 Worri Amooniitii fi Mo'aabii, karaa biyya Gibxi'ii irratti sagale'ee fi bisaan kolbaa Israa'eliitiif kennuu irra, Bala'aam beese'een bitanee akka kolbaa Israa'elii isaaniif abaaru waan godhaneef, ajaji kun kenname. Te'uu malee, Waaqi keenna abaarsa eebbatti jijjiire.
NEH 13:3 Kolbaan yennaa Seera kana dubbifamuun dhageette, sanyii ormaa Israa'elii irraa gargar baache.
NEH 13:4 Tanaan dura hayyichi Eliyaashiib, itti gaafatamaan meya Galma Waaqaa keessaa, Xobiiyaa woliin lansummaa qabaayyu.
NEH 13:5 Inni kolloo badhoo, ta dur kennansi midhaanii, kennansi hixaanaa, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaanii ka kudhan keessaa tokkoo, daadhiin woyni'iitii fi zayitiin Lewwootaaf, faarfattootaaf, worra karra eeguufille kennamu akka keessa keyamu yaadamee hujame, akkasuma kennansi hayyootaaf kennamu keessa keyamu, Xobiiya'aaf kenne.
NEH 13:6 Artashaastaan mootiin Baabilonii mootii te'ee woggaa soddomii lammeesso'ootitti ani gara mootichaa waan dhaqeef, yennaa san maraayyuu ani Yerusaalem keessa hin jiru; yennaa diqqo'oon duuba ammoo mooticha kadhadhee,
NEH 13:7 gara Yerusaalemii deebi'e; achitti Eliyaashiib Galma Waaqaa keessatti kolloo tokko Xobiiya'aaf kenniisaan waan hantuu inni huje hubadhe.
NEH 13:8 Kun guddoo na aarsee, meya manaa ka Xobiiya'aa mara kolloo Galma Waaqaa san keessaa gad gate.
NEH 13:9 Achiin duuba ani kolloon akka qulqulleeffantu, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaaniitii fi hixaanaalle akka deebi'ee itti galu ajaje.
NEH 13:10 Lewwootii fi faarfattooti Galma Waaqaa keessaa, qoodi isaanii waan hin kennaminiif, akka isaan gara fichaa ifii deebi'ane hubadhe.
NEH 13:11 Maarre ani bulchitoota mormee, «Galmi Waaqaa maaniif gatame» jedhee gaafadhe; Lewwootaa fi faarfattootalle wolitti waamee hujii Galma Waaqaa keessaatitti isaan deebise.
NEH 13:12 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa martinuu midhaan irraa, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irraa, kudhan keessaa tokko kolloo meya Galma Waaqaatitti fidiisa jalqabane.
NEH 13:13 Ani Shelemiiyaa hayyicha, Zaadoqii barsiisaa Seeraatii fi Fadaayaa Lewwicha, addatantoota waan te'aneef, itti gaafatantoota mana meya Galma Waaqaa akka te'anu godhe; Haanaanii ilma Zaakurii, akaakoo Mataaniiya'aa, qarqaaraa isaanii godhe. Hujiin isaanii qooda fira isaaniitiif kennamu qoodiisa.
NEH 13:14 Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu; hujii dansaa ani Galma keetiif, tajaajila isaatiif godhe haxoottee hin balleessin!
NEH 13:15 Bara san kolbaan Yihuda'aa guyyaa Sanbataatiin woynii cunfanuun, midhaan galfatanuun, unkuruura woyni'ii, midhaan woyni'ii, midhaan harru'uutii fi fe'iisa adda addaa guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidaneeranuun dhagge. Tanaaf ani yennaa san sagalee akka hin gurgurre isaan dhoogge.
NEH 13:16 Kolbaan biyya Xiiroosii worri Yerusaalem keessa le'u gariin qurxummi'ii fi waan gurguramu adda addaa, guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidanee Yihudootatti gurguratane.
NEH 13:17 Ani qondaaltota Yihuda'aa mormee, «Guyyaa Sanbataatiin, wonni hantuun isin hujiisatti jirtanu kun maan? Isin Sanbata batteessiisatti jirtan.
NEH 13:18 Waaqi qacha'aa fi nu irratti badii tana mara wonni fideef, abbootiin teessan badii tana hujjeefii motii? Ammalle isin Sanbata batteessiisaan Israa'el irratti mufii Waaqaa ta caaltu fidaartan» jedhe.
NEH 13:19 Sanbati boru jedhaa, aduun dhiitee dimimmitteen, karri Yerusaalemii akka cufantuu fi haga Sanbati dabarutti akka hin bananne ani ajaje; guyyaa Sanbataatiin fe'iis tokkolle akka ol hin seenne, tajaajiltoota tiyya keessaa garii karra karra irra dhaabbachiise.
NEH 13:20 Daldaltootii fi worri waan adda addaa gurguratu yennaa tokko yookiin yennaa lama dalleya Yerusaalemiitiin ala bulaneeran.
NEH 13:21 Ani ammoo, «Isin maaniif dalleyaan dura bultan? Lammeessoo yoo itti deebitane, ani hunnaan isin ari'a!» jedhee isaan ifi eeggachiise. Yennaa sanii jalqabanee isaan guyyaa Sanbataatiin deebi'anee hin dhunne.
NEH 13:22 Lewwooti guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf, ifi qulleessanee, dhaqanee karroota akka eeganu ani isaan ajaje. Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu, akka jaalala keeti guddaa bara baraatitti, na mararfadhu!
NEH 13:23 Bara san ani, dhiirti Yihudootaa dubartoota Ashidoodii, Amooniitii fi Mo'aabii akka fuudhaneeranu beeke.
NEH 13:24 Ijoollee isaanii keessaa gamis afaan worra Ashidoodii yookiin afaan kolbaa dhibi'ii keessaa tokko dubbatti malee, afaan Yihudootaa dandeettee hin dubbattu.
NEH 13:25 Anille isaan mormee, isaan abaareelle, isaan keessaa garii dhowee, rifeensa isaan irraa buqqise; ijoollee durraa ta isaanii ilmaan ormaatitti akka hin heerumsiinne, ilmaan isaaniille yookiin isaan ifiifille ijoollee durraa ta ormaa akka hin fuuneef maqaa Waaqaatiin isaan kakachiise.
NEH 13:26 Ani isaaniin, «Mootiin Israa'elii Solomoon cubbuu ka huje fuudha akkasii kanaanii motii? Gosa biyya adda addaa keessaa mootiin akka isaa hin jiruuyyu; Waaqi isa jaalatee, Israa'el mara irratti isa mootonse; te'uu malee, dubartooti ormaa ta inni fuudhe isaayyuu akka cubbuu huju godhane» jedhe.
NEH 13:27 Isin ijoollee duraa ta ormaa fuudhiisaan Waaqa keenna mormtanee hammeenna gudda'aa fi yakkaa akka hujjanu dhage'iisaan nuutille fakkeenna keessan hordonnaa ree?
NEH 13:28 Yoyaadaan ilma hayyicha guddaa Eliyaashiibii ti; ilmaan Yoyaada'aa keessaa tokkochi intala Sanbalaaxii qachaa horoonii fuudhe; maarre ani akka inni Yerusaalem lakkisee deemu godhe.
NEH 13:29 Ee Waaqa kiyya! Hujii hayyumma'aatii fi gondooroo ati hayyootaa fi Lewwoota woliin goote akka isaan xureessane qaabadhu!
NEH 13:30 Maarre ani hayyootaa fi Lewwoota waan orma te'e mara irraa qulleessee, tokko tokkoofuu, hujii hujanu itti kenne.
NEH 13:31 Ammalle ani qoraan ciincaa ittiin ciinceffamuu fi midhaan galfatanu keessaa ka mata'aa, yennaa murteeffantetti, gara Galma Waaqaa akka fidanu godhe. Ee Waaqa kiyya, waan ani godhe kanaaf na yaadadhu!
EST 1:1 Bara mootichi Ahashiweros biyya Hindiitii haga biyya Itoophiya'aa biyya dhibbaa fi diddamii torba bulchu keessatti wonni te'e ka asii gad jiru:
EST 1:2 bara san mootichi Ahashiweros qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti, barcumaa mootumma'aa ka ifii irra tee'ee bulchaayyu;
EST 1:3 inni mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti areertii qopheessee qondaaltota ifiitii fi worra gugurdaa waame; jila tana irratti sooreyyiin loltoota Faaresiitii fi Medoonii, sooressitooti biyyaatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa dhaggamaneeraniiyyu.
EST 1:4 Inni guyyaa dhibbaa fi saddeettama guutuu, qabeenna guddaa mootummaa ifii, arnyaa fi ulfinna ifii mudhise.
EST 1:5 Achiin duuba mootichi Ahashiweros worra qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessa le'u, gudda'aa fi diqqaa mara, mana mootummaa ifii keessatti badhinna oorru'uun marfametti, jila jilisee guyyaa torbaaf waame.
EST 1:6 Badhinni addee oorru'uu sun gollaa quncee talba'aa irraa hujame adi'ii fi dhiillee qabaayyu; gollaan sun wodaroo quncee talba'aa adi'ii fi dhiillee irraa dhowamee, qubee meeti'iititti hidhamee, utubaa cabbii cululuxxu'uu irratti gad rarraafameeraayyu; taqeen gaggabaadduun worqi'ii fi meetii irraa hujamane, lafa dhakaan gatii guddo'oo adiin, diima'aa fi dadansaan dhibiin irratti afamane irra jiraniiyyu.
EST 1:7 Mootichi daadhii woyni'ii ta mootumma'aa bacaa waan qabuuf arjoomee, muduunuu adda addaa ta worqii irraa hujanteen namootaaf akka qoodanu godhe.
EST 1:8 Nama tokko tokkoofuu akka fedha isaatitti daadhii woyni'ii akka kennanuuf, mootichi tajaajiltoota ifii mara waan ajajeef, keessummooti martinuu haga fedhane unane.
EST 1:9 Giittittiin Waashitille mana mootumma'aa ka Ahashiwerosii keessatti dubartootaaf jila jilitte.
EST 1:10 Jilti jalqabantee guyyaa torbeesso'ootitti, mootichi Ahashiweros daadhii woyni'ii unee yennaa gammade, guneessota torba worra isa tajaajilanu Mihumaan, Biiztaan, Harbonaa, Biigtaan, Abaagtaa, Zetaarinii fi Karkaasin waamee,
EST 1:11 «Giittittiin Waashit kallacha mootumma'aa keyattee akka as dhuttu godha'a» jedhee isaan ajaje; mootichi giittittiin Waashit guddoo dansittii waan teeteef, kolba'aa fi qondaaltotatti mudhisiisaaf tana godhe.
EST 1:12 Tajaajiltooti mootichaa guneeyyiin, ajaja mootichaa giittittii Waashititti yennaa himane ammoo, isiin mooticha dura dhikaatiisa didde; achiin duuba mootichi aaree bobe'e.
EST 1:13 Haajaa seeraatii fi haqaa ilaalchisee, beekkolee qorachuun mooticha biratti waan baratame waan teeteef, beekkolee woliin mari'ate.
EST 1:14 Beekkoleen mootichi yennaa mara woliin mari'atu qondaaltota Faaresiitii fi Medoonii torba worra mootummaa keessatti baallii guddoo qabanu Karshenaa, Shetaar, Admaataa, Tarshiish, Meres, Marsena'aa fi Memukaan.
EST 1:15 Mootichi, «Giittittiin Waashit ajaja ani mootichi Ahashweros guneessota tajaajiltoota tiyya itti ergee isii ajaje waan diddeef, akka seeraatitti maan isii godhuu woyya?» jedhee gaafate.
EST 1:16 Achiin duuba Memukaan mootichaa fi qondaaltota duratti, «Giittittiin Waashit ka qaanessite mooticha qofa adoo hin te'in, qondaaltota maraa fi kolbaa kutaa biyya Ahashwerosii keessa jiranu mara qaanessite.
EST 1:17 Waan isiin goote kana dubartooti marti hin dhage'an; maarre isaan, ‹Mootichi Ahashiweros giittittii Waashit gara isaa akka dhuttuuf ajajulle, isiin ammoo dhufuu didde› jedhanee, dhirsoota ifii hin tuffatan.
EST 1:18 Dubartooti qondaaltota Faaresiitii fi Medoonii worri oduu giittittii tanaa dhage'ane, adhuma tana akkuma isiin jette, isaanille dhirsoota ifiitiin hin jedhan; dubartooti biyyaa martinuu dhirsoota ifiitiif ulfinna kennuu lakkisanee, dhirsoota ifii woliin wol hin lolan.
EST 1:19 Maarre mootii keenna! Yoo fedhii teeti teete, giittittiin Waashit si mooticha Ahashiweros dura akka hin dhikaanneef, ajaja baasiitii seera Faaresiitii fi Medoonii ka jijjiiramuu hin dandeenne keessatti barreessi; giittummaa isi'iille dubartii isii caaltu ta dhibi'iif kenni.
EST 1:20 Achiin duuba ajaji keeti mootummaa teeti badhoo tana duudii keessatti yennaa himamu, dubartooti martinuu, kun dureessa kun hiyyeessa adoo hin jedhin dhirsoota ifiitiif ulfinna hin kennan» jedhe.
EST 1:21 Mootichii fi qondaaltoti marti gorsa kanatti gammadane; maarre mootichi akkuma Memukaan jedhe godhe.
EST 1:22 Mootichi Ahashiweros barreeffama, «Abbaan manaa martinuu mana ifii irratti bulchaa te'ee, afaan kolbaa ifii dubbatuu ti!» jedhu, kutaa biyyaa tokko tokkoofuu akka isaan itti barreeffatanutti, kolbaa maraaf afaan isaaniitiin barreessee, kutaa biyya mootummaa ifii maratti erge.
EST 2:1 Mootichi Ahashiweros aarii caffateen duuba, waan giittittiin Waashit gootee fi marroo lassii isii irratti dabarsee yaadate.
EST 2:2 Achiin duuba gorsitoota mootichaa keessaa worri isatti dhikaatu, mootichaan, «Durra dadansaa sii barbaadanuu ti.
EST 2:3 Mootummaa teeti keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, durra dadansaa filanee, qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti gara mana dubartooti si'iif filamane le'anuu fidanee itti gaafatamaa dubartootaa guneessicha Hegaayitti kennanee inni isaan eeguu ti; dibati dansumma'aalle isaaniif kennamuu ti.
EST 2:4 Achiin duuba dubartoota tana keessaa ta mooticha gammachiittu addee giittittii Waashitii, giittii teetuu ti» jedhane; gorsi kun mooticha gammachiisee, inni akkuma isaan jedhane godhe.
EST 2:5 Bara san gosa Beniyaaminii keessaa Yihudichi tokko abuuboon Qiishii, akaakoon Shiimi'aayii, ilmi Yaa'iirii Mordekaayi qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessa jiraayyu.
EST 2:6 Inni namoota mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii Yihuda'aa Yikoniyaa woliin Yerusaalemii booji'e keessaa tokko.
EST 2:7 Mordekaayi intala obboleessa abbaa ifii ta, «Hadaasa» jedhantu ta, «Asteer» jedhantee moggaafante qabaayyu; isiin intala dhaaba toltuu fi bifa miidhaddu. Isiin abba'aa fi haadha waan hin qanneef, Mordekaayi fudhatee akka intala ifiititti isii guddise.
EST 2:8 Ajajii fi lassiin mootichaa yennaa dhage'ante, durra hedduu gara qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabuu fidanee, Hegaayiin dubartoota eegu, akka inni isaan eeguuf itti kennane. Asteerille gara mana mootumma'aa geessanee Hegaayitti kennane.
EST 2:9 Asteer fuula Hegaayii duratti jaalatamaa fi fudhatama dhaggatte; innille ariiti'iin dibata dansummaa isi'iitiif barbaachisuu fi sagalee addaa kennisiiseef. Mana mootumma'aa keessaa durra filamane torba, akka isi'iif tajaajilanu addaan baaseefii, mana dubartootaa keessaa ta addee mara caaltutti tajaajiltoota isi'ii tana woliin isii dabarse.
EST 2:10 Mordekaayi waan dhooggeeruuf, Asteer nama biyya kamiitii fi maatii kamii akka teetee hin mudhinne.
EST 2:11 Mordekaayi nageya Asteerii yookiin waan isii irra gewu beekiisaaf, guyyuma guyya'aan badhinna mana dubartootaa dura asii fi achi deddeebi'aa ture.
EST 2:12 Durri takka gara mooticha Ashiwerosii seeniisaaf, badoon isi'ii adoo hin geyiniin dura, ji'a jaa dibata qumbi'iitiin, ji'a jaa fiqire'ee fi uddowaa adda addaatiin wolumatti ji'a kudhanii lama qopheeffamuu qaddiiyyu.
EST 2:13 Achiin duuba mana dubartootaa keessaa waan isiin barbaaddu mara kennaneefii, gara mana mootumma'aa dhaquu dandeetti.
EST 2:14 Galgala mooticha woliin rattee, boruyyaa ganama gara mana dubartootaa ka lammeesso'oo ka Sha'asgaaziin guneessichi mootichaa gursumeeyyii itti eegu dhaxxi; mootichi isi'itti gammadee maqa'aan yoo isii hin waamamin, gara isaa hin deebitu.
EST 2:15 Intalti Abiihaayilii obboleessa abbaa Mordekaayii Asteer, ta Mordekaayi akka intala ifii guddiffate, badoon isiin gara mootichaa seentu yennaa geette, isiin waan Hegaayiin guneessichi dubartoota eegu akka isiin fudhattu hime malee waan tokkolle hin gaafanne. Isiin nama isii dhagge mara duratti fudhatama dhaggatte.
EST 2:16 Ahashiweros mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, ji'a kudhaneesso'oo ka, «Xebet» jedhamu keessa gara mana mootumma'aa isii geessane.
EST 2:17 Mootichi durra taan caalaa Asteer jaalate; isiin durra san mara keessaa isa duratti fudhatama dhaggatte. Maarre mootichi kallacha mootumma'aa itti keyee, addee Waashitiititti akka isiin giittii teetu godhe.
EST 2:18 Achiin duuba mootichi ulfinna Asteeriitiif, namoota gugurda'aa fi qondaaltota mootumma'aatiif areertii guddoo qopheesse; kutaa biyyaa maratti guyyaa jilaa lassee akka arjummaa ifiititti kennansa namootaaf kenne.
EST 2:19 Lammeessoo durri sun yennaa wolitti qabante, Mordekaayi karra mootichaa dura tee'eeraayyu.
EST 2:20 Asteer Mordekaayi yennaa isii guddise isaaf ajajamaa waan turteef, gorsa isaa hordofiisaaf, akkuma inni isi'itti hime, nama biyya kamiitii fi maatii kamii akka teete hin mudhinne.
EST 2:21 Bara Mordekaayi karra mootichaa dura tee'u san, worra karra mootichaa eegu keessaa namooti lama Biigtaanii fi Teresh aaranee, mooticha Ahashiweros ijjeesiisaaf mala dhowane.
EST 2:22 Mordekaayi ammoo mala dhowame kana beekee, giittittii Asteeritti hime. Isiille akka Mordekaayi mala dhowame kana beeke mootichatti hinte.
EST 2:23 Dubbiin qoratantee dhugaa yennaa teete, jarri lamaanuu muka irratti fannifamane; wonni kun marti mooticha duratti galmee dabarsi'ii keessatti barreeffante.
EST 3:1 Waan kanaan duuba mootichi Ahashiweros, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii te'eef ulfinna kennee, qondaaltota dhibii mara caalaa baallii guddoo kenneef.
EST 3:2 Isaan Haamaaniif jilbiiffatanee ulfinna akka kennanu mootichi waan ajajeef, tajaajiltooti mootichaa worri seensuma karra mootichaa jiranu marti, jilbiiffatanee Haamaaniif ulfinna kennane; Mordekaayi ammoo hin jilbiiffanne yookiin ulfinna isaaf hin kennine.
EST 3:3 Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa worri seensuma karraa jiranu, «Ati ajaja mootichaa maaniif diddaa?» jedhanee Mordekaayi gaafatane.
EST 3:4 Guyyuma guyya'aan itti deddeebi'anee gaafatane; inni ammoo hin dhageenne. Inni Yihudii akka te'e isaanitti waan himeef, didduma tanaan akka inni hafu beekuu barbaadanee, dhaqanee marroo isaa Haamaanitti himane.
EST 3:5 Haamaan akka Mordekaayi isaaf hin jilbiiffatin yookiin ulfinna isaaf hin kennin yennaa dhagge, akka malee aare.
EST 3:6 Gosi isaa Yihudii akka te'e waan itti himaneef, Haamaan Mordekaayi callaa ijjeesuu tuffate; addee san Yihudoota kolbaa Mordekaayii mara mootummaa Ahashiwerosii duudii keessaa balleessiisaaf mala dhowe.
EST 3:7 Ahashiweros mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo ka «Niisaan» jedhamu keessa [guyya'aa fi ji'a gargar baasanee beekiisaaf] Haamaan duratti hixaa «Puuriim» jedhamu buusane; hixaalle ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu irra bu'e.
EST 3:8 Achiin duuba Haamaan mooticha Ahashiwerosiin, «Kolbaa Kutaa biyya mootummaa teetii mara odduu kolbaan bittinnoottee leetu takka jirti; seerri isaanii seeraa kolbaa dhibi'ii mara irraa adda; seera mootichaatiifille hin ajajamanu; tanaaf kolbaa tana cadhisanee ilaaluun mootichaaf hin toltu.
EST 3:9 Dubbiin tun si mooticha yoo gammachiitte, isaan balleessiisaaf lassiin baatuu ti; akka isaan mana meyaa keeti keessa keyanu, anille namoota itti gaafatantoota mana meyaatitti meetii kiiloogiraama kuma dhibba sadii fi afurtamaa hin kenna» jedhe.
EST 3:10 Maarre mootichi qubee chaappa'aa quba ifii irraa baasee, ilma Hamedaata'aa, Haamaanii sanyii Agaagii ka diina Yihudootaa te'e sanitti kenne.
EST 3:11 Mootichi Hamaaniin, «Meetiin si'iifuu hattuu ti; kolbaalle teetuma, waan feete godhadhu» jedhe.
EST 3:12 Achiin duuba ji'a tokkeesso'oo, gaafa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, barreessitooti mootichaa waamamane; isaan ajaja Haamaanii mara kutaa biyyaa tokko tokkootiifuu akka isaan itti barreeffatanutti, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota kolbaa adda addaatiif maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee chaappaa qubee quba mootichaatiin dhowane.
EST 3:13 Ajaji barreeffamaa namoota rukke'een geessanutti kennamee, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa guyyaa kudhanii sadeesso'oo, dargaggoota, jaarsolee, dubartootaa fi ijoollee Yihudootaa mara guyyaa tokkocha akka balleessanu, akka ijjeesanuu fi ijjumaa akka haxowanu, qabeenna isaaniille akka saamanuuf gara kutaa biyya mootichaa maratti ergame.
EST 3:14 Kolbaan marti guyyaa saniif akka qophoottuuf, barreeffam ajaja san irraa garagalfamee gosa kutaa biyyaa keessa jiranu maratti beessifame.
EST 3:15 Ergantooti ajaja mootichaatiin ariifatanee bayane; ajaji sun qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti maxxanfame. Mootichii fi Haamaan uniisaaf tee'ane; worri qachaa Suusaa ammoo raafame.
EST 4:1 Mordekaayi waan te'e san mara yennaa beeke, gaddee woyaa ifii tarsaase. Achiin duuba woyaa gaddaa uffatee, daadhaa mataa ifii irratti firfirsee, qoonqoo ol qabatee mararfatee bowaa gara qacha'aa seene.
EST 4:2 Nami woyaa gaddaa uffatee, seensuma karra mootumma'aa akka seenu waan hin eeyyanneef, inni haga seensuma karra mootichaa qofa dhaqe.
EST 4:3 Kutaa biyyaa ta ajajaa fi lassiin mootichaa geette maratti, Yihudoota oddu'utti gaddi guddaan te'ee, laamanee, wiiccifatanee bowane; worri hedduulle woyaa gaddaa uffatee, daadhaa ifi irratti firfirsee tee'e.
EST 4:4 Durrii fi guneessoti Asteer tajaajilanu, marroo Mordekaayii yennaa isi'itti himane guddoo rifattee, addee woyaa gaddaa woyaa dhibii akka uffatu isaaf ergite; inni ammoo fudhatuu dide.
EST 4:5 Achiin duuba Asteer guneessicha akka isii tajaajiluuf guneeyyii mootichaa keessaa filame ka «Hataak» jedhamu tokko waantee, Mordekaayi maan akka rakkatee fi maaf akkas akka te'e akka gaafatu itti ergite.
EST 4:6 Maarre Hataak badhinna karra mana mootumma'aa dura jirtu keessatti, gara Mordekaayii dhaqe.
EST 4:7 Mordekaayi waan isa irra dhaqqabe maraa fi Haamaan kolbaa Yihudootaa balleessiisaaf beesee hagamii, mana meyaa ka mootichaatitti galii godhiisaaf waadaa akka gale itti hime.
EST 4:8 Kolbaa Yihudootaa balleessiisaaf qachaa Suusaa keessatti, barreeffama lassii baate irraa garagalfame, akka Asteeritti mudhisee diidessuu fi akka isiin gara mootichaa dhaxxee kolbaa ifiitiif marartii akka isa kadhattu, akka isii ajaju Mordekaayi Hataakitti hime.
EST 4:9 Hataak deebi'ee deemee waan Mordekaayi jedhe Asteeritti hime.
EST 4:10 Achiin duuba Asteer gara Mordekaayi isa ergitee,
EST 4:11 « ‹Tajaajiltooti mootichaatii fi kolbaan kutaa biyya mootichaa keessatti dhaggamanu marti, dhiirti yookiin dubartiin adoo hin waamamin, badhinna mana mootumma'aa ka gara keessaa seenee mootichatti ka dhikaateef, mootichi seera tokko qofa akka qabu eennulle hin beeka; kunille nami sun hin ijjeefama; te'uu malee nami mootichi ulee ifii ta worqii irraa hujante itti qabe hin ijjeefamu; ani ammoo gara mootichaa akka seenuuf haga waamameen guyyaan soddom dabareera› jedhiin» jetteen.
EST 4:12 Ergaa Asteerii Mordekaayitti yennaa himane,
EST 4:13 inni deebisee, «Ati mana mootumma'aa keessa waan jirtuuf, Yihudoota mara keessaa ati callaan waan hattu hin seyin.
EST 4:14 Yennaa akkanaa tana ati cadhittee yoo ilaalte, Yihudoota ka qarqaaruu fi ka baasu addee dhibi'ii hin dhufa; atii fi maatiin abbaa keetii ammoo hin dhumattan. Giittii te'iis keeti yennaa akkanaa tanaaf te'uu maanti beeka?» jedhee Asteeritti erge.
EST 4:15 Achiin duuba Asteer deebii tana Mordekaayitti ergitee,
EST 4:16 «Dhaqiitii, Yihudoota Susaan keessa jiranu wolitti qabiitii, naaf laama'a; haga guyyaa sadiitii fi halkan sadii womaa hin nyaatina'a; hin uninaalle'e. Anii fi durri tajaajiltooti tiyya akkasuma hin goona. Saniin duuba seerri dhooggulle, gara mootichaa hin dhaqa; yoo du'elle du'uu ti» jette.
EST 4:17 Maarre Mordekaayi deemee, waan Asteer isa ajajjee mara godhe.
EST 5:1 Guyyaa sadeesso'oo Asteer woyaa ifii ta mootumma'aa uffattee, badhinna mana mootumma'aa ka gara keessaa seentee, mana mootichi tee'u dura dhaabbatte; mootichi mana mootumma'aa ka ifii keessa fuullee seensuma karraa, barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeraayyu.
EST 5:2 Mootichi, Asteeriin giittittiin ala dhaabbatteertuun yennaa dhagge, isiin isa duratti fudhatama dhaggattee, inni ulee ifii ta worqi'ii gara isi'ii qabe; isiille itti dhikaattee qaccee ulee sanii tuxxe.
EST 5:3 Achiin duuba Mootichi isi'iin, «Giittii Asteer maaloo? Maan barbaadda? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kenna» jedhe.
EST 5:4 Asteer deebittee, «Mooticha, yoo si gammachiitte, areertii ani adha si'iif qopheesse irratti Haamaan woliin kowa'a» jette.
EST 5:5 Kanaan duuba mootichi tajaajiltoota ifiitiin, «Waan Asteer gaafatte akka goonu, ariiti'iin Haamaan waama'a!» jedhe; maarre mootichii fi Haamaan gara areertii Asteer qopheessitee dhaqane.
EST 5:6 Daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiranuu mootichi ammalle Asteeriin, «Wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe.
EST 5:7 Asteer deebittee, «Gaaffiin tiyyaa fi wonni ani barbaadu,
EST 5:8 ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhee, waan ani si gaafadhe naa kenniisaaf, waan ani barbaadelle naa muummessiisaaf yoo si gammachiitte, atii fi Haamaan areertii ani isiniif qopheessu irratti boru dhaggama'a. Achiin duuba anille gaaffii teetiif deebii hin kenna» jette.
EST 5:9 Guyyaa san Haamaan gammadee miirri isaa itti tolee, achii gad bayee deeme; inni karra mootichaa duratti Mordekaayi yennaa dhagge ammoo, waan inni isaaf ol hin ka'iniif yookiin sodaatee hin sheephisiniif Mordekaayitti guddoo aare.
EST 5:10 Te'uu malee Haamaan akkuma te'e te'ee ossee, mana ifii dhaqe; achiin duuba inni jaalota ifiitii fi haadha manaa ifii Zeresh waansisee,
EST 5:11 dureessa akka te'e, ijoolleen isaa hedduu akka teete, mootichille qondaaltotaa fi tajaajiltoota dhibii caalaa ulfinna guddaa attamii akka isaaf kenne odeessaa koore.
EST 5:12 Haamaan ede'eelle, «Tana qofa adoo hin te'in, areertii giittittiin Asteer qopheessite irratti mooticha woliin ana malee nami waamame tokkolle hin jiru; isiin borulle mooticha woliin na waanteerti.
EST 5:13 Ammoo Mordekaayiin Yihudichi seensuma karra mootichaa tee'uun waan dhagguuf, tun marti na hin gammachiittu» jedhe.
EST 5:14 Achiin duuba haati manaa isaa Zereshii fi jaaloti isaa marti, «Muka nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa qopheessiitii, Mordekaayi itti fannisiisaaf boru barii mooticha gaafadhu; achiin duuba gammadaa mooticha woliin gara areerti'ii deenta» jedhaneen. Yaadi kun Haamaan waan gammachiiseef, muka itti fannisanu qopheesse.
EST 6:1 Halkan san mootichi hirriiba waan dhabeef, kitaaba dabarsiin mootumma'aa itti galmeeffante fidanee akka dubbisanu ajaje; isaanille fidanee dubbisaneef.
EST 6:2 Kitaaba san keessatti guneessoti balbala mootichaa eeganu lamaan Biigtaanaanii fi Teresh, mooticha ijjeesiisaaf mala dhowane, Mordekaayi attam akka hime barreeffamee dhaggame.
EST 6:3 Mootichi, «Tana waan godheef ulfinnii fi guddinni Mordekaayi dhaggate maan?» jedhee gaafate. Tajaajiltooti isaa deebittee, «Wonni tokkolle isaaf hin godhanne» jette.
EST 6:4 Mootichi, «Badhinna mana mootumma'aa keessa eentu jira?» jedhee gaafate; yennaa san Haamaan muka nama itti fannisanu qopheesse san irratti Mordekaayi akka fannifamu eeyyama mooticha irraa gaafatiisaaf, badhinna mana mootumma'aa ka gara alaa reefuu seeniisatti jiraayyu.
EST 6:5 Maarre tajaajiltooti mootichaa, «Kunoo, Haamaan badhinna dhaabbateera» jetteen. Mootichille, «Seen jedha'aan» jedhee ajaje.
EST 6:6 Yennaa Haamaan seene mootichi, «Nama mootichi ulfinna guddaa kennuu fedhuuf maanti godhama?» jedhee isa gaafate. Haamaalle, «Na caalaa nami mootiin ulfinna kennuuf eentu jira ree?» jedhee yaadate.
EST 6:7 Maarre Haamaan deebisee mootichaan, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf,
EST 6:8 woyaa mootumma'aa ta mootiin ifiif uffattuu fi farda mootiin ifiif irra tee'u ka kallachi mootichaa mataa isaatitti keyame akka fidanu godhi.
EST 6:9 Achiin duuba woyaan sunii fi fardi sun qondaaltota gugurdoo mootumma'aa keessaa nama tokkotti kennamuu ti; inni nama mootiin ulfinna kennuu fedhu sanitti uffisee, farda isaaf qophowe irra teessisee, badhinna qacha'aa keessa dura isaa ideemaa, ‹Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, akkana godhama› jedhee lassuu ti» jedhe.
EST 6:10 Mootichi Haamaan ajajee, «Ariifadhuutii, akkuma amma jette, woya'aa fi farda qopheessiitii, Mordekaayii Yihudicha karra mootichaa dura tee'eeruuf, akkuma amma jette godhiif; waan dubbatte mara keessaa takkaalle hin hafin» jedhe.
EST 6:11 Maarre Haamaan woya'aa fi farda qopheessee, woyaa Mordekaayitti uffise; Mordekaayi farda irra tee'een duuba, Haamaan badhinna qacha'aa keessa isa dura deemaa, «Nama mootiin ulfinna kennuu fedhuuf, akkana godhama!» jedhee lasse.
EST 6:12 Achiin duuba Mordekaayi gara karra mootichaa deebi'e; Haamaan ammoo gaddee mataa ifii hagooggatee gara mana ifii fiige.
EST 6:13 Inni waan isa irratti te'e mara haadha manaa ifii Zereshii fi gorsitoota ifii san maratti hime. Achiin duuba haati manaa isaatii fi gorsitooti isaa sun, «Mordekaayiin ati amma isa duratti jilbiiffatiisa jalqadde kun, sanyii Yihudi'ii yoo te'e, isa injifatiisaaf hin dandeettu. Ati dhugumaan hin badda» jedhaneen.
EST 6:14 Isaan adoo isa woliin dubbatiisatti jiranuu, guneeyyiin mootichaa dhufanee, ariiti'iin Haamaan gara areertii Asteer qopheessitee geessane.
EST 7:1 Maarre mootichii fi Haamaan gara areertii giittittiin Asteer qopheessitee dhaqane.
EST 7:2 Guyyaa lammeesso'oo daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu mootichi ammalle, «Giittittii Asteer, wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe.
EST 7:3 Giittittiin Asteer deebittee, «Mooticha kiyya, si duratti fudhatama dhaggadhee, ka si gammachiisu yoo te'e, akka ani hin duune na hamburi, wonni gaafadhu tana; kolbaa tiyyalle hamburi, wonni ani barbaadu tana.
EST 7:4 Anii fi kolbaan tiyya badiisaaf, ijjeefamiisaa fi muxuqi jedhiisaaf gurguranneera; nuuti dhiiraa fi dubartiin garba te'iisaaf adoo gurgurannee jiraanne, tun mooticha rakkisuu waan hin geenneef ani silaa hin cadhisaayyu» jette.
EST 7:5 Achiin duuba mootichi Ahashiweros, «Nami tana godhiisaaf game eennu? Nami kun eessa jira?» jedhee giittittii Asteer gaafate.
EST 7:6 Asteer deebittee, «Nyaaphi keennaa fi diinni keenna Haamaanii nama hamaa kana!» jette. Achiin duuba Haamaan mootichaa fi giittittii duratti bararaqe.
EST 7:7 Mootichi aari'iin ol ka'ee, daadhii woyni'ii lakkisee gad bayee, gara oorruu mana mootumma'aa dhaqe. Haamaan ammoo akka mootichi isa ijjeesiisaaf murteeffate beekee, du'a irraa ifi hamburiisaaf, Asteer kadhatiisaaf duubatti hafe.
EST 7:8 Mootichi oorruu mana mootumma'aatii gara mana areerti'ii yennaa deebi'e, Haamaan taqee giittittiin Asteer irra irkattu irratti jigeeraayyu; mootichi, «Namichi kun mana keessatti, adduma ani jirutti giittittii Asteer woliin hunnaan rafiisa fedhaa?» jedhe. Akkuma mootichi tana dubbateen, tajaajiltooti fuula Haama'aa gollane
EST 7:9 Achiin duuba guneessota keessaa «Harbonaa» ka jedhamu, «Kunoo, muki nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa mana Haamaanii bira jira; Haamaan muka kana Mordekaayii si mooticha du'a irraa hamburiisaaf dubbate itti fannisiisaaf qopheesse» jedhe. Mootichille, «Haamaan muka san irratti fannisa'a» jedhee ajaje.
EST 7:10 Maarre Haamaan muka Mordekaayiif qopheesse san irratti fannifame; achiin duuba aariin mootichaa qabbanootte.
EST 8:1 Guyyuma san mootichi Ahashiweros karra Haamaanii diina Yihudootaa san Asteerii giittitti'iif kenne; isiin Mordekaayi woliin firooma akka qabanu mootichatti waan hinteef, Mordekaayi mooticha dura dhikaate.
EST 8:2 Mootichi qubee quba ifii ta chaappaa qaddu, ta Haamaan irraa fudhateeru san, ifi irraa baafatee Mordekaayiif kenne. Asteerille karra Haamaanii san irratti Mordekaayiif baallii kennite.
EST 8:3 Ammalle Asteer miila mootichaatitti jiddee, karoorri hamaan, sanyiin Agaagii ka te'e Haamaan Yihudoota irratti baase sun, isaan irraa akka ka'uuf iyyitee boottee isa kadhatte.
EST 8:4 Mootichi ankaashee worqi'ii gara Asteerii waan qabeef, isiin ol kaatee isa dura dhaabbatee,
EST 8:5 «Mooticha kiyya, yoo si gammachiitte, anille si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, tana godhiis sirrii yoo sitti fakkaatte, analle'etti yoo gammadde, barreeffam sanyiin Agaagii ilmi Hamedaataa Haamaan, Yihudoota mootummaa teeti keessa jiranu mara balleessiisaaf karoorfatee barreesse san, ajaji kaasu barreeffamuu ti!
EST 8:6 Ani balaa kolbaa tiyya irra gewu, badii maatii tiyyaalle dhaggaa attam ossuu dande'a ree?» jette.
EST 8:7 Achiin duuba mootichi Ahashiweros, Asteerii fi Mordekaayii Yihudichaan, «Kunoo, Haamaan Yihudoota balleessiisaaf mala waan dhoweef, karra isaa Asteeriif kenneera; isalle muka irratti fannisaneeran.
EST 8:8 Barreeffam maqaa mooti'iitiin barreeffamee chaappaa qubee isaatiin mallatteeffame waan hin jijjiiranneef, isin marroo Yihudootaatiif waan dansaa isinitti fakkaate, maqaa kiyyaan barreessa'aatii, chaappaa qubee tiyyaatiin dhowa'a!» jedhe.
EST 8:9 Ji'a sadeesso'oo ka «Siiwaa» jedhamu, guyyaa diddamii sadeesso'ootitti barreessitooti mootumma'aa waamamane; isaan ajaja Mordekaayii mara akka isaan itti barreeffatanutti, afaan isaaniitiin bulchitoota biyyoota mooticha jala jirtuutiif, bulchitoota kutaa biyyaa ta adda addaatii fi qondaaltota biyyaatiif, Yihudootaaf, qondaaltota worra biyya Hindiitii haga biyya Itoophiya'aa, kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessatti dhaggamanuuf, maqaa mooticha Ahashwerosiitiin barreessanee, qubee mootichaa ta chaappaa qadduun dhowane.
EST 8:10 Mordekaayi barreeffama kana maqaa mooticha Ahashiwerosiitiin barreessee, chaappaa qubee mootichaatiin dhowee, ergantoota fardoo qoqolchaa mootichaaf leenjifanteen gulufanuun erge.
EST 8:11 Yihudooti qachaa gara garaa keessa le'anu wolitti qabamanee, akka ifi irraa dhooggatanu, hunna gosa adda addaa ta kutaa biyyaa mara keessaa isaanii fi dubartoota isaanii, ijoollee isaaniille loliisaaf gara isaanii dhufanu, akka balleessanu, akka ijjeesanu, akka fixanuu fi karra isaaniille akka saamanuuf, barreeffama kana keessatti mootichi eeyyameef.
EST 8:12 Yihudooti kutaa biyya mooticha Ahashiwerosii mara keessatti, ji'a kudhanii lammeesso'oo ka «Adaar» jedhamu keessa, guyyaa kudhanii sadeesso'ootitti guyyaa tokkocha kana akka godhanuuf murteeffame.
EST 8:13 Guyyaa san Yihudooti diinota ifii haluu bayiisaaf akka qophowanu barreeffam ajaja san irraa garagalfamee, gara kutaa biyyaa ta gara garaatii fi kolbaa gosa biyya gara garaatitti seera te'ee akka beekkamu beessifame.
EST 8:14 Ergantooti fardoo mana mootumma'aa irra tee'aneeranu, ajaja mootichaatiin ariiti'iin bayane; lassiin sun qachaa Suusaa keessatti laffante.
EST 8:15 Mordekaayi woyaa mootumma'aa bifa cuquliisaa fakkaattuu fi adii uffatee, kallacha worqi'ii guddaa keyatee, woyaa dhiillee quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffatee mooticha biraa gad baye; yennaa san worri qachaa Suusaa gammadanee ilillisane.
EST 8:16 Kun Yihudootaaf yennaa ifaa, yennaa gammadaa, yennaa burraassatii fi yennaa ulfinnaa te'e.
EST 8:17 Kutaa biyyaa mara keessaa fi qachoota mara keessatti, addee lassiin mootichaa dhaqqadde maratti, Yihudooti gammadanee burraaqanee jila jilifatane; kolbaa biyya dhibi'ii keessaa hedduun Yihudoota waan sodaataneef, Yihudootatti galane.
EST 9:1 Ji'a kudhanii lammeesso'oo ka, «Adaar» jedhamu, guyyaan kudhanii sadeesso'oo lassiin ajaja mootichaatiin baate guyyaa muummottuuyyu; guyyaa kanatti diinoti Yihudoota injifatiisaaf addii godhataneeraniiyyu; ammoo haalli jijjiiramee Yihudooti worra isaan jibbu injifatane.
EST 9:2 Yihudooti worra isaan miidhiisaaf barbaadanu loliisaaf, kutaa biyya mootii Ahashiwerosii mara keessatti qachuma qachaa ifii keessatti wolitti qabamane; kolbaan dhibiin ta biyya gara garaa marti Yihudoota waan sodaataneef, eennulle isaan injifatiisa hin dandeenne.
EST 9:3 Qondaaltoti, sooressitooti, bulchitooti kutaa biyyaatii fi qondaaltoti mootichaa marti Mordekaayi waan sodaataneef Yihudoota qarqaarane.
EST 9:4 Mordekaayi mana mootumma'aa keessatti guddoo beekkamaa te'e; baalliin isaa ittuma ede'amaa waan deenteef, gurri isaa kutaa biyyaa maratti dhage'ame.
EST 9:5 Maarre Yihudooti diinota ifii mara shallaaga'aan ijjeesanee fixane; isaan worra isaan jibbu irratti waan fedhane godhane.
EST 9:6 Qachaa Suusaa keessatti Yihudooti namoota dhibba shan ijjeesanee fixane.
EST 9:7 Ammalle, Phaarshandaataa, Daalfon, Asfaataa,
EST 9:8 Phoraataa, Adaaliyaa, Ariidaataa,
EST 9:9 Paarmashitaa, Ariisayi, Ariidayii fi Wayzaataa,
EST 9:10 ilmaan kudhan ta Haamaanii ilma Hamedaata'aa ka diina Yihudootaa te'ee ijjeesane. Karra isaanii ammoo hin saanne.
EST 9:11 Laakkossi namoota qachaa Suusaa keessatti ijjeefamanee guyyuma san mootichatti himame.
EST 9:12 Mootichi giittittii Asteeriin, «Yihudooti qachaa Suusaa keessatti, namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaanii kudhan ijjeesane; kutaa biyya tiyyaa ka hafane keessatti maan godhaneeran laati? Amma wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Si'iif hin kennama!» jedhe.
EST 9:13 Asteer deebittee, «Mootii kiyya, yoo si gammachiitte, Yihudooti qachaa Susaan keessa jiranu, waan adha godhane, borulle akka godhanu eeyyamamuufii! Reeffi ilmaan Haamaanii kudhanille muka nama itti fannisanu irratti fannifamuu ti» jettee gaafatte.
EST 9:14 Maarre mootichi kun akka godhamu ajaje; lassiin qachaa Suusaa keessatti laffantee, reeffi ilmaan Haamaanii kudhanii muka nama itti fannisanu irratti fannifame.
EST 9:15 Yihudooti qachaa Suusaa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, wolitti qabamanee, qachaa Suusaa keessatti namoota dhibba sadii ijjeesane; karra isaanii ammoo hin saanne.
EST 9:16 Yihudooti dhibiin worri kutaa biyyaa keessa le'anulle, diinota ifii ifi irraa dhooggatiisaaf, diinota ifii jalalle'ee bayiisaaf wolitti qabamane. Worra isaan jibbu keessaa namoota kuma torbaatamii shan ijjeesane; Karra isaanii ammoo hin saanne.
EST 9:17 Kun ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii sadeesso'ootitti te'e; guyyaa kudhanii arfeesso'oo foorfatanee, guyyaa jilaatii fi gammadaa godhatane.
EST 9:18 Yihudooti qachaa Suusaa keessa le'anu ammoo, guyyaa kudhanii sadeesso'ootii fi kudhanii arfeesso'oo wolitti qabamane; achiin duuba guyyaa kudhanii shaneesso'oo foorfatanee guyyaa jilaatii fi gammadaa godhatane.
EST 9:19 Sababa kanaaf Yihudooti ollaa baadiyya'aa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'oo, guyyaa jilaatii fi gammadaa, guyyaa itti kennansa woliif kennanu godhatan.
EST 9:20 Mordekaayi waan te'e kana barreessee, Yihudoota kutaa biyyaa ka dhiko'oo fi fagoo jiranu maraaf erge.
EST 9:21 Inni wogguma wogga'aan ji'a, «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'ootii fi kudhanii shaneesso'oo guyyaa jilaa akka godhatanu isaanitti hime.
EST 9:22 Guyyooti kun guyyoota Yihudooti harka diinota ifii jalaa bayanee foora itti dhaggatane; ji'i kunille ji'a gaddi isaanii gammadatti, bootti isaanii kollatti jijjiirante waan te'eef jilifatane; guyyoota kana guyyoota jilaa, guyyoota gammadaa, guyyoota kennaa sagale'ee woliif kennanuu fi guyyoota hiyyeeyyii qarqaaranu akka godhatanu isaaniif barreesse.
EST 9:23 Maarre akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti Yihudooti jila jilifatuu jalqabane san jilifatiisaaf wolii galane.
EST 9:24 Diinni Yihudoota maraa, sanyiin Haagaagii, ilmi Hamendaata'aa Haamaan hixaa, «Furiim» jedhamu buufatiisaan Yihudoota mara balleessiisaaf mala dhoweeraayyu.
EST 9:25 Mootichi mala hamaa kana yennaa beeke, malli Haamaan Yihudoota irratti male sun isuma irratti akka deebi'u, innii fi ilmaan isaa muka nama itti fannisanu irratti akka fannifamanu ajaja barreeffamaa baase.
EST 9:26 Tanaaf guyyoota kana jecha, «Fur» jedhamu irraa, «Furiim» jedhanee baasane; sababa waan xalayaa kana irratti barreeffame maraatiif, sababa waan dhagganeetii fi waan isaan irra dhaqqabe maraatiif,
EST 9:27 Yihudooti ifii fi sanyii ifiitiif, worra Yihudi'itti galane maraafille, akka barreeffama kanaatitti guyyoota lamaan kana wogguma wogga'aan yennaa isaa eeganee akka jilifatanuuf seera baafatane.
EST 9:28 Guyyooti «Furiim» jedhamanu kun dhaloota mara keessatti, maatii mara keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, qachoota mara keessatti qaabatamu'uu fi jilifamuu qaban; guyyooti kun adoo hin qaabatamin hin hafanu; dhaloota mara oddu'utti yennaa mara jilifamuu qaban.
EST 9:29 Maarre Asteeriin giittittiin, intalti Abiihaayilii, Mordekaayii Yihudicha woliin xalayaa lammeesso'oo, ka marroo Furiimii kana jabeessiisaaf baallii guutu'uun barreessane.
EST 9:30 Mordekaayi Yihudoota kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessa jiranu maraaf, xalayaa nageyaa fi qabbana isaaniif halchu ergee,
EST 9:31 «Akkuma guyyooti laamaatii fi gaddaa eegatamane, nuuti Yihudootii fi sanyiin teenna guyyoota Furiimii akka eegannee jilifannu hundeessiisaaf, tana barreesse. Waan kana irratti ani Mordekaayiin Yihudichii fi Asteeriin giittittiin wolii galleerra» jedhe.
EST 9:32 Ajaji Asteerii seerata marroo guyyoota Furiimiitiif baye jabeesse; kunille galmee keessatti barreeffame.
EST 10:1 Mootichi Ahashiweros lafa mootummaan isaa geette maraa fi oddoolota mootummaa isaa jala jiranu mara irratti gibira buuse.
EST 10:2 Wonni guddoon inni hunnaa fi jabeenna ifiitiin huje martinuu, mootichi attamiin akka Mordekaayi nama beekkamaa godhelle, kitaaba dabarsii mootota Medooniitii fi Faaresii keessatti barreeffanteerti.
EST 10:3 Mordekaayiin Yihudichi itti aanaa mooticha Ahashiwerosii ti; Yihudoota odduulle'etti nama ulfaata'aa fi nama jaalatama'a. Inni kolbaa ifiitiif waan dansaa waan hujee fi nageya sanyii isaanii maraaf waan dubbateef, Yihudoota hedduu oddu'utti nama ulfinna guddaa qabu.
JOB 1:1 Nami maqaan isaa «Iyoob» jedhamu ka lafa, «Uzi» jedhantu keessa le'u tokko jiraayyu; inni nama komii hin qanne, qajeelaa, ka Waaqa sodaatuu fi ka waan hantuu irraa fagaate.
JOB 1:2 Inni ilmaan torbaa fi ijoollee durraa sad,
JOB 1:3 hoolee kuma torba, gaala kuma sad, qotiyyoo ximmaadii dhibba shan, harree dhibba shanii fi tajaajiltoota hedduu qabaayyu. Worra gara aduun baatu jiru keessaa dureessi isa gewu hin jiruuyyu.
JOB 1:4 Ilmaan Iyoobii dabaree dabare'een mana mana ifiititti areerti'iif wol waamaniiyyu; obboleeyyan durraa sadiin ta ifiille waansisaa, isaan woliin nyaataa unaniiyyu.
JOB 1:5 Guyyaan areerti'iif wol waamanu dabareen duuba, Iyoob, «Ijoolleen tiyya gadhaa ifii keessatti Waaqa yakkitee, isa arrassiteerti fa'a» jedhee waan yaaduuf, isaan qulqulleessiisaaf ganama ba'aa ka'ee akka laakkossa isaaniititti ciincaa dhikeessaayyu; inni waan kana yennaa mara tolchaayyu.
JOB 1:6 Gaafa tokko ergantooti Waaqaa, Mootii Waan Maraa dura yennaa dhikaatane, Seexannille isaan woliin dhikaate.
JOB 1:7 Mootiin Waan Maraa, «Ati eessaa dhutte?» jedhee, Seexana gaafate. Seexanni deebisee, «Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa ture» jedhe.
JOB 1:8 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafaa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate» jedhe.
JOB 1:9 Seexanni deebisee, «Iyoob sababa malee si Waaqa sodaataa ree?
JOB 1:10 Ati isaa fi maatii isaa, waan inni qabu duudi'itti dalleya marsitee ijaartee, hujii isaa duudii eebbittee, horii isaalle waan horsiitteefii motii ree?
JOB 1:11 Me harka keeti diriirsiitii waan inni qabu mara balleessi; inni iluma teeti duratti si hin abaara» jedhe.
JOB 1:12 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a; Iyoob quballe'een hin tuqin malee, waan inni qabu mara akka feete godhuu dandeetta» jedhe. Achiin duuba Seexanni Mootii Waan Maraa duraa bayee deeme.
JOB 1:13 Gaafa tokko ilmaan Iyoobiitii fi ijoolleen durraa ta isaa mana obboleessa angaficha ifiititti nyaataa, daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu,
JOB 1:14 nami ergame tokko gara Iyoobii dhufee, «Nuuti qotiyyo'oon qotiisatti jirruun, harreeleelle kaloo nu biraa dheediisatti jirtuun,
JOB 1:15 dedhuma namooti Sheeba'aa isaan lolanee, tajaajiltoota shallaaga'aan ijjeesanee, horii dannabanee deemane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.
JOB 1:16 Adoo ergamaan sun dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Mandiisuun buutee hoole'ee fi tajaajiltoota teeti fixxe; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.
JOB 1:17 Inniin kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Worri Kaldootaa addee saditti qoodamee, dedhuma nu lolee, gaala duudii fudhatee deeme; tajaajiltootalle shallaaga'aan ijjeese; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.
JOB 1:18 Ergamaan kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Ilmaan teetii fi ijoolleen durraa teeti mana obboleessa angafichaatitti nyaataa, daadhii woyni'ii uniisatti jirtuun,
JOB 1:19 dedhuma hobonbolattiin goomolee irraa dhuttee, roga manaa arfanuu dhoottee, manni isaan irratti jigee dhumatane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.
JOB 1:20 Achiin duuba Iyoob ol ka'ee gaddaan woyaa ifii tarsaasee, mataa haadatee, lafatti gad gombifamee sagadee,
JOB 1:21 «Ani qullaa gadhaa haadha tiyyaatii dhaladhe. Yoo du'ulle qullaa tiyya deebi'ee deema. Mootiin Waan Maraa kenne; inninuu fudhate. Maqaan isaa leellifamuu ti!» jedhe.
JOB 1:22 Tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; Waaqa irralle'etti hantuu hin dubbanne.
JOB 2:1 Gaafa dhibiille ergantooti Waaqaa, Mootii Waan Maraa duratti yennaa dhikaatane, Seexannille isaan woliin dhikaate.
JOB 2:2 Mootiin Waan Maraa, Seexanaan, «Ati eessaa dhutte?» jedhee gaafate. Seexanni deebisee, «Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa ture» jedhe.
JOB 2:3 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate. Ati akka ani sababa malee isa irratti ka'ee, isa balleessuuf na kakkaatteerta; inni ammoo haga ammaalle addatamummaa ifii eegateera» jedhe.
JOB 2:4 Seexanni deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Inni fayya'a, gogaan isaatuu hin tuqanne; nami fayyaa ifiitiif, waan qabu mara hin kenna.
JOB 2:5 Me amma, harka keeti diriirsiitii lafee isaatii fi foon isaa miidhi; inni fuula duratti si abaara» jedhe.
JOB 2:6 Maarre Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a, lubbuu isaa hin ijjeesin malee, akka feete isa godhuu dandeetta» jedhe.
JOB 2:7 Achiin duuba Seexanni fuula Mootii Waan Maraa duraa bayee deemee, faana miilaa irraa haga gubbaa mata'aatitti madaa hantuu Iyoobitti buuse.
JOB 2:8 Achiin duuba Iyoob ifi hooqatiisaaf bassoo fudhatee, daadhaa keessaa tee'e.
JOB 2:9 Niitiin isaa, «Ati ammalle addatamummaa teeti qabattee jirtaa? Waaqa abaariitii du'i!» jette.
JOB 2:10 Iyoob ammoo isi'iin, «Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbataarta; Waaqi waan dansaa yennaa nuu kennu gammadaan fudhanna; hantuulle hin fudhannuu ree?» jedhe; tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; hantuulle hin dubbanne.
JOB 2:11 Jaaloti Iyoobii sadiin, Eliifaaz nami qachaa Temaanii, Beldaad nami lafa Shu'aahiitii fi Zofaariin nami lafa Naa'imaa waan hamaa Iyoob irra geye kana yennaa dhage'ane, isa woliin gaddiisaa fi isa jajjabeessiisaaf, wolii galanee addee jiranu irraa gara isaa dhufane.
JOB 2:12 Isaan fago'otti Iyoob yennaa dhaggane, isa te'uu isaa hubatuu hin dandeenne; eega hubataneen duuba gaddanee woyaa ifii tatarsaasanee, bukuu mataa ifii irra gara ol-gubba'aa bittinneessanee, qoonqoo guddo'oon bowane.
JOB 2:13 Isaan guyyaa torbaa fi halkan torba isa woliin lafa irra tee'ane; rakkoon isaa guddoo akka teete waan dhagganeef, isaan keessaa nami tokkolle wo isatti hin dubbanne.
JOB 3:1 Tanaan duuba Iyoob dubbatiisa jalqabe; inni guyyaa itti dhalate abaaree,
JOB 3:2 «Halkan ani itti dadame, guyyaan ani itti dhaladhelle ka abaarame te'uu ti!
JOB 3:4 Guyyaan sun gara dukkanaa jijjiiramuu ti. Waaqi ol-gubba'aa isa hin yaadatin; ifille isa irratti hin ifin.
JOB 3:5 Dimimmisaa fi dukkanti dimmi, ‹Ati keenna› isaan jedhanuu ti. Duumensi isa irratti bu'ee, dukkanti ifa isaa gollituu ti.
JOB 3:6 Halkan san dukkanti dimmi gollituu ti; guyyoota wogga'aa keessatti hin laakkowamin; laakkossa ji'aalle'etti hin galin.
JOB 3:7 Halkan sun maseena te'uu ti; ililleettiille hin dhage'amin.
JOB 3:8 Worri guyyaa abaaru, bineensa naacha fakkaatu ka, ‹Lewaataan› jedhamu kakkaasiisaaf qophowelle halkan san abaaruu ti.
JOB 3:9 Bakkalchi bari'ii ka halkan sanii dukkanoottuu ti. Halkan sun addi'iin ifa eegatuu ti, ammoo hin dhaggatin; boruulle hin dayya'iniif.
JOB 3:10 Guyyaan sun rakkinna ila tiyya duraa dhossiisaaf, balbala gadaamessa haadha tiyyaa, waan hin cufiniif ka abaarame te'uu ti.
JOB 3:11 «Ani maaf gadaamessa haadha tiyyaa keessatti hin du'in? Gadaamessa keessaa yennaa bayelle maaf hin badin?
JOB 3:12 Haati tiyya maaf gudeeda ifii irra keyatte? Harma ifiille maaf na hoositte?
JOB 3:13 Sila amma nageyaan irkadhee, rafee hin foorfadhaayyu.
JOB 3:14 Moototaa fi gorsitoota lafaa worra addee ifiif ijaarratanee isaan duraa diigante woliin,
JOB 3:15 sooreyyii gugurdoo worra worqi'ii fi meeti'iin mana ifii guutatane woliin sila hin foorfadhaayyu.
JOB 3:16 Yookiin ani maaf akka finna du'ee dhalatee awwaalamee, ka ijjumaa ifa hin dhagginii hin te'in?
JOB 3:17 Awwaala keessatti worri hamaan hammeenna ifii hin lakkisa; ka dadhabanelle achitti hin foorfatan.
JOB 3:18 Worri booji'ame achitti nageya dhaggatan; qoonqoo worra hunnaan isaan hujisiisuulle hin dhage'anu.
JOB 3:19 «Worri didiqqa'aa fi gugurdaan addee takka'atti dhaggaman. Garbootille goottota ifii jalaa achitti bilisa hin bayan.
JOB 3:20 Worra rakkoo hantuu keessa jiruuf ifi, worra le'iin itti hadhootteef jiruun maaf kennanti?
JOB 3:21 Worra du'a halchee, ka karra dhoffante qotee barbaadu caalaa ka du'a barbaaduuf jiruun maaf kennantii?
JOB 3:22 Worra awwaala bira yennaa gewu ilillisuuf jiruun maaf kennanti?
JOB 3:23 Nama karaan duraa dhoffameef, ka Waaqi karaa itti cufeef, ifi maaf kennamaaf?
JOB 3:24 Gaddi kiyya akkuma sagale'ee naaf dhufa; aadiis kiyya akkuma bisaanii dhangala'a.
JOB 3:25 Wonni ani sodaadhe natti dhutte; wonni na naasiselle na irratti te'e.
JOB 3:26 Ani raafama malee nageyaa hin qabu, miira hin qabu, fooralle hin qabu» jedhe.
JOB 4:1 Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee,
JOB 4:2 «Iyoob, yoo nami si woliin dubbatiisaaf sitti game hin ossattuu ree? Ammoo eentu dubbatuu lakkisaa ree?
JOB 4:3 Ati namoota hedduu barsiitteerta; worra dadhabaa harka qaddee jajjabeessiteerta.
JOB 4:4 Dubbiin teeti worra jigu utuddeerti; worra jilbi isaanii laafelle jabeessiteerta.
JOB 4:5 Amma ammoo rakkoon sitti dhuttee, addii kutatteerta; waan sitti jabaattelle'eef, jajjabeenna dhaddeerta.
JOB 4:6 Waaqa sodaatiis keeti, isatti addatiisa keeti qajeelummaan teetille addii teetii motiiyyuu ree?
JOB 4:7 «Me yaadadhu: nami balleessaa hin qanne, yookiin nami balchaan badee beekaa ree?
JOB 4:8 Akka ani dhaggetti worri waan hantuu qotuu fi rakkinna facaasu waanuma san haammata.
JOB 4:9 Isaan hafuura Waaqi isaanitti baafatuun hin badan; qilleensa aarii isaatille'een hin dhumatan.
JOB 4:10 Worri hamaan akka neenqaa dhangaa dhowa; qoonqoolle ol qabatee iyya; Waaqi ammoo ilkaan isaanii hin caccassa.
JOB 4:11 Akkuma neenqa waan adansee nyaatu dhabee du'uu isaanille hin du'an. Akkuma ilmeen neenqa dhala'aa bittinnoottu, ijoolleen isaaniille hin bittinnootti.
JOB 4:12 «Gaafa tokko ergaan takka gara kiyya dhuttee, gurri kiyyalle hasaassaa san dhage'e.
JOB 4:13 Halkan yennaa kolbaan hirriiba hamaa keessa jirtu, ani mudhii na sodaachittu dhaggee,
JOB 4:14 sodaadhee bararaqee, lafeen tiyya duudiin hollatte.
JOB 4:15 Qilleensi fuula na dhowee, nafi kiyya suugajjaye.
JOB 4:16 Achitti wonni takka dhaabbattuun dhagge; ammoo maan akka teete beekuu hin dandeenne. Achiin duuba cadheessa keessa, qoonqoo takka:
JOB 4:17 ‹Waaqa caalaa nami balchaa te'uu dande'aa? Yookiin ka isa dade duratti qulqulluu te'uu dande'aa?
JOB 4:18 Waaqi tajaajiltoota ifiituu ka hin addanne eega teete, ergantoota ifii ta ol-gubba'aa irralle'etti dokonkora ka dhaggu eega teete,
JOB 4:19 worra mana biyyee faaraa irraa hujamee, ta hundeen isaa biyyee keessa jirtu ka adoo qu'een hin nyaatin caccabu keessa le'anutti attam addata ree?
JOB 4:20 Isaan ganamaa haga galgalaatitti hin badan; adoo nami itti hin yaadatin haga bara baraa hin badan.
JOB 4:21 Isaan akka dongoraa dunkaani'ii ka buqa'uu, qarooma malee hin du'an› jettu dhage'e.
JOB 5:1 «Iyoob! Nama deebii siif kennu yoo dhaggatte waami; woyyoota keessaa gara kamii ilaalta?
JOB 5:2 Nama gowwaa aari'iittuu ijjeesa; wollaalaalle gaabbi'ittuu ijjeesa.
JOB 5:3 Gowwaan hidda naqatuun dhaggeera; ammoo dedhuma manni isaa abaarame.
JOB 5:4 Ijoolleen isaa ijjumaa nageya hin dhaggattu; badhinna dalleya keessaa keessatti miidhaan isaan irra hin geetti, nami isaan baasulle hin jiraatu.
JOB 5:5 Worri beelowe midhaan isaa hin nyaata; ka qoree keessatti latelle hin lakkisanuuf. Worri dheebote qabeenna isaa hin saama.
JOB 5:6 Rakkoon biyyee keessaa ol hin baatu; gaargalli lafa irraa hin latu.
JOB 5:7 Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaatu, nami rakkinnaaf dhalata.
JOB 5:8 «Adoo na te'e Waaqa hin barbaadadha, rakkoo tiyyalle isatti hin himadha.
JOB 5:9 Inni waan gugurda'aa hin qorqoranne bilbaasa laakkowanee hin dandeennelle hin godha.
JOB 5:10 Inni lafa irratti bokkeya hin roobisiisa; fichaalle bisaan hin obaasa.
JOB 5:11 Worra gad qabame addee ulfinnaa hin keya; worra gadde addee nageyaatitti ol hin fuudha.
JOB 5:12 Worri maltooleen waan hujanu akka hin muummessineef, inni karoora isaanii hin gufachiisa.
JOB 5:13 Inni qaroolee maltummaa isaaniitiinuu qaba; mala maltoole'eelle hin balleessa.
JOB 5:14 Guyyaan isaanitti dukkanowee, akka halkaniititti saafowaan qaqqabataa deemanuu ti.
JOB 5:15 Worra hiyyeeyyii afaan shallaagaa diina isaanii jalaa, harka worra isaan cunqursuu jalalle'ee hin baasa.
JOB 5:16 Inni hiyyeeyyi'iif addii hin kenna, afaan worra hama'aa hin cufa.
JOB 5:17 «Nami Waaqi xixu ka gammade! Tanaaf xixicha Waaqa waan mara dande'uu hin tuffatin.
JOB 5:18 Waaqi hin madeessa ammoo deebisee hin hodha; inni si hin miidha harka ifiitiin ammoo si hin fayyisa.
JOB 5:19 Inni balaa jaa jalaa si hin baasa; torbeessoo irralle'etti miidham si hin tuqu.
JOB 5:20 Bara beelaa du'a irraa, lola keessatti shallaagaa irraa si hin woda.
JOB 5:21 Waaqi arraba hamaa irraa si hin eega; yoo badiin sitti dhuttelle hin sodaattu.
JOB 5:22 Badi'ii fi beelatti hin kollita; bineensalle hin sodaattu.
JOB 5:23 Fichaa qotattutti dhakaan si hin rakkisu; bineensotille si woliin nageya hin qabaatan.
JOB 5:24 Dunkaaniin teeti nageyaan akka jirtu hin beetta; yennaa hoolee teeti toowattu nageyaan isaan hin dhaggita.
JOB 5:25 Sanyiin teeti hedduu, ijoolleen teetille akka marra lafaa akka teetu hin beetta.
JOB 5:26 Akkuma qamadiin yennaa ifiititti wolitti qabantu atille dulloontee, geettee hin duuta.
JOB 5:27 «Kunoo, nuuti tana duudii qorqorreerra; tun dhuga'a; atille dhage'iitii beeki» jedhe.
JOB 6:1 Achiin duuba Iyoob deebisee,
JOB 6:2 «Farri tiyya adoo madaalantee, gaargalli kiyya duudiin madaallii irra adoo keyamee jiraatee,
JOB 6:3 maansa irga abbaaya'aa caalaa ulfaataayyu; tanaaf jarjariisaan dubbatiis kiyya si hin baaseffachiittu.
JOB 6:4 Waaqi waan mara dande'u daaya ifiitiin na woraanee, hadhaan isaalle nafa keessa na faca'eera. Bararaqiisi Waaqaa na marseera.
JOB 6:5 Harreen diidaa yennaa marra dheeddu, Yookiin qotiyyoon yennaa okeya nyaattu hin baroodii ree?
JOB 6:6 Sagalee hin mi'oonne soodda malee nyaatanii ree? Yookiin bisaan quupha'aa hin mi'owaa ree?
JOB 6:7 Ani sagalee akkasii tuqiisalle hin jibba; yoo nyaadhelle akka dhibamu na gooti.
JOB 6:8 «Maaloo waan gaafadhe adoo dhaggadhee, Waaqi halchaa tiyya adoo naaf guutee!
JOB 6:9 Fedha isaa teetee adoo na caccassee, harka ifii diriirsee adoo na balleessee,
JOB 6:10 tun silaa naaf jajjabeenna. Ani jecha Waaqa woyyichaa waan hin mormatiniif, dhibeen natti fakkantulle ani silaa gammadaan hin utaalaayyu.
JOB 6:11 «Jiru'uun le'iisaaf jabeenna maan qaba ree? Eega addii hin qabaatinii maaf le'a ree?
JOB 6:12 Jabeenni kiyya jabeenna dhaka'aatii ree? Foon kiyya sageettu'uu ree?
JOB 6:13 Dhugumaan ifi qarqaariisaaf hunna hin qabu; hunni tiyya duudiin na irraa fudhatanteerti.
JOB 6:14 «Nami jaala ifii ka rakkatteef marartii dhabu, Waaqa waan mara dande'u sodaatiisa lakkiseera.
JOB 6:15 Isin obboleeyyan tiyya ammoo, akka laga yennaa roobi hin jirree goguu na soddane.
JOB 6:16 Lagi sun ji'a gannaa dhakaa roobaatiin guutama.
JOB 6:17 Yennaa o'aa ammoo lagi sun hin dhabama; yennaa bonaa hin goga.
JOB 6:18 Daldaltooti bisaan barbaadata karaa irraa miliqanee, goomolee keessa daaqaa badan.
JOB 6:19 Daldaltooti Teema'aa bisaan hin barbaadatan; daldaltooti Sheebaalle bisaan dhaggatiisaaf addii godhatan.
JOB 6:20 Lagi isaan addatanu waan gogeef addii hin kutatan; addee san yennaa geyanu hin bilinjoyan.
JOB 6:21 Isinille akkuma laga goge sanii natti teetane; farra tiyya dhaggitanee sodaattane.
JOB 6:22 Ani ‹Woy naaf kenna'a! Karra teessaniin na woda'a!
JOB 6:23 Yookiin harka diinaa jalaa na baasa'a; yookiin harka worra na cunqursuu jalaa na woda'a!› jedheeraa?
JOB 6:24 «Ani hin cadhisa, isin na barsiisa'a; dokonkora kiyyalle natti hima'a.
JOB 6:25 Dubbiin dhuga'aa attam attam hunnaametti'i! Komiin teessan ammoo bu'aa hin qaddu.
JOB 6:26 Isin dubbii tiyya sirreessuu barbaaddanii? Dubbii ana nama addii kutateelle akka qilleensaatitti laakkottanii ree?
JOB 6:27 Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne irratti, hixaa buufattan; jaalota teessanille gurguriisaaf gadhassiittan.
JOB 6:28 «Amma ammoo, maganne'ee gara kiyya ilaala'a! Ani fuula keessan duratti dhara hin dubbadhaa?
JOB 6:29 Deebi'a'a; worra muraa dharaa muru hin te'ina'a; ammalle deebi'a'a; ani dhugaa irra jira.
JOB 6:30 Arraba kiyya irra dokonkorri hin jiraa? afaan kiyya waan hantuu addaan baasuu hin dande'uu ree?
JOB 7:1 «Nami elo'oon lafa irra jiraataa motii? Barri isaalle akka bara nama qaxaramee hujuutii motii ree?
JOB 7:2 Akka garboolee gaaddisa jala foorfatiisa barbaadanuutii fi akka hojjatoota mindaa ifii eegatanuutii mootii?
JOB 7:3 Ji'ooti elo'oo naaf ka bu'aa hin qanne te'ane; halkan farraalle naaf kennamane.
JOB 7:4 Yennaa rafu ‹Yoom dammaqa?› jedhaa, halkan natti dheeratee, haga bariitutti asii fi achi gara gaggala.
JOB 7:5 Nafi kiyya duudiin corroqoyee qonyonyaayeera; babbaqaqeelle maloweera.
JOB 7:6 «Barri kiyya mooqaa harfa'aa caalaa ariifata; addii maleelle dhumata.
JOB 7:7 Ee Waaqa, jiruun tiyya akka hafuura baafatiisaa fi fudhatiisaa ti; ilti tiyya deebitee waan dansaa hin dhaggitu.
JOB 7:8 Ilti amma na dhaggitu, deebitee na hin dhaggitu; ati na hin barbaadda ani ammoo hin jiru.
JOB 7:9 Akkuma duumensi bittinnowee badu, nami du'ee awwaalamu deebi'ee hin ka'u.
JOB 7:10 Lammoo gara mana ifii hin deebi'u; worri isa beeku duudiin isa hin dedha.
JOB 7:11 «Tanaaf ani hin cadhisu; laalaa ayyaana kiyyaa hin dubbadha; hadhaa lubbuu tiyyaa irraa ta kaate hin gunguma.
JOB 7:12 Ati akka na eeganuuf ka goote, ani abbaaya'a moo bineensa guddaa abbaaya'aa ti?
JOB 7:13 Taqeen tiyya na jajjabeessiti; addeen ani rafu dhibee tiyya irraa goonsiti yennaa jedhu,
JOB 7:14 ati ammoo oojju'uun na sodaachitta; mudhille'een na bararassita.
JOB 7:15 Jiruu farraa tanaa mannaa suruurraa ifitti dhowee du'u naaf woyya.
JOB 7:16 Ani jiruu tiyya jibbeera; haga bara baraa le'iisa hin barbaadu; barri jiruu tiyyaa gabaabaa waan te'eef na lakkis.
JOB 7:17 «Akka nama barbaachisaa te'e tokkootitti akka isa ilaaltuuf, akka guddoo isa yaadattuufille nami maan inni?
JOB 7:18 Ati ganama ganama isa hin ilaalta; yennaa mara isa hin qorqorta.
JOB 7:19 Haguma hancufa liqinsu ila ana irra hin deebifattuu?
JOB 7:20 Waaqa namoota eeddu, ani yoo cubbuu huje maan si godhe? Maaf waan itti xiyyeeffattu na godhatte? Ani hagana mara ba'aa sitti te'ee?
JOB 7:21 Ati maaf balleessaa tiyya naaf hin araaramin? Maaf yakkaa tiyya ana irraa hin balleessin? Ani amma waan awwaalamuuf, ati na hin barbaadda, ani ammoo hin jiru» jedhe.
JOB 8:1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,
JOB 8:2 «Haga yoomii dubbii akkasii dubbatta? Dubbiin afaan keetii baatu akka qilleensaa ti.
JOB 8:3 Waaqi muraa hin dassaa? Yookiin Waaqi waan mara dande'u dhugaa hin dassaa?
JOB 8:4 Ijoolleen teeti yoo Waaqa yakkitee jiraattee, inni adabbii cubbuu isaaniitiif dabarsee isaan kenne.
JOB 8:5 Ati ammoo yoo Waaqa barbaaddee, Waaqa waan mara dande'ulle yoo gaafatte,
JOB 8:6 ati qullu'uu fi qajeelaa yoo teete, inni dhugumaan si qarqaariisaaf hin ka'a; gara addee teetii ta si'iif maltetti si hin deebisa.
JOB 8:7 Jalqabi keeti diqqaa te'ulle, muummee irratti hin banqaaxxa.
JOB 8:8 «Me dhaloota durii gaafadhu waan abbootiin isaanii qorqoranee dhagganelle qalbeeffadhu.
JOB 8:9 Nuuti kalee waan dhalanneef, womaalle hin beennu. Barri keenna ka biyya lafaa irraalle akka gaaddisaa dabara.
JOB 8:10 Wonni isaan si barsiisanuu fi sitti himanu waan hubataneeranuu motii ree?
JOB 8:11 Allaaduun addee caffaan hin jirretti latuu dandeettii ree? Addee bisaan hin jirretti shonbooqqoon hin banqaaxxii ree?
JOB 8:12 Adoo kichu'uutuu adoo hin muramin biqiltoota dhibi'iin dura hin qooran.
JOB 8:13 Worri Waaqa dedhu duudiin akkasuma; addiin nama Waaqa malee le'uu hin baddi.
JOB 8:14 Inni waan akka kaso'otti citutti addata; addiin isaalle mana saaphuphu'uu ti.
JOB 8:15 Nami tokko mana saaphuphu'uutitti yoo irkate, manni sun hin dhaabbatu. Inni mana san yoo qabate, isa duraa hin cita.
JOB 8:16 Nami hamaan akka biqiltuu aduu keessatti dagaaguu ti; dameen isaa oorruu gubbaa babadhata.
JOB 8:17 Hiddi isaa tuulaa dhaka'aatitti marata; odduu rassa'aa keessalle karaa barbaadata.
JOB 8:18 Nami tokko addee isaa irraa yoo isa buqqise, addeen sun, ‹Ani si dhaggee hin beeku› jettee isa hin mormatti.
JOB 8:19 Kunoo, gammadi jiruu hidda sanii kanuma; biqiltuun dhibiin lafa san keessaa hin latan.
JOB 8:20 «Waaqi worra komii hin qanne hin gatu; yookiin worra hantuu huju hin qarqaaru.
JOB 8:21 Inni akka ati kollituu fi ilillittu si hin godha.
JOB 8:22 Worri si jibbu qaanii uffata; dunkaaniin worra hama'aa hin baddi» jedhe.
JOB 9:1 Achiin duuba Iyoob deebisee,
JOB 9:2 «Dhuguma tun dhugaa akka teete hin beeka. Ammoo nami attam Waaqa duratti balchaa te'uu dande'a ree?
JOB 9:3 Nami tokko Waaqaan falmuu yoo barbaade, gaaffii kuma keessaa takkattiille deebisee hin dande'u.
JOB 9:4 Waaqi qaro'o; hunnaamessalle'e; ka isa moromee, hin injifatamin eennuu?
JOB 9:5 Inni dedhuma gaara tatachoosee, aarii ifiitiin isaan hin balleessa.
JOB 9:6 Waaqi lafa addee isi'ii irraa hin tachoosa; utuboota lafaalle hin raasa.
JOB 9:7 Inni aduun akka hin baane hin ajaja; urjootille ifa akka hin kennine hin dhoogga.
JOB 9:8 Inni qofuu ol-gubbaa diriirse; danbalii bisaanii irralle hin ideema.
JOB 9:9 Tuuta urjootaa ka bineensa, ‹Doobbaa› jedhamu fakkaatu, tuuta urjootaa ka, ‹Sadee› jedhamu, tuuta urjootaa ka, ‹Torbii› jedhamuu fi tuuta urjoota gara kibbaalle isatti dade.
JOB 9:10 Waan maade'ee ta qorqoranee bira hin geenne, bilbaasota laakkonnee hin dhaqqanne hin godha.
JOB 9:11 Yennaa inni na biraan dabaru, ani isa hin dhaggu; yennaa inni cinaa tiyya ideemu, ani isa hin hubadhu.
JOB 9:12 Yoo inni butee ideeme, eentu isa dhoogga? Eentu isaan, ‹Ati maan godhiisatti jirta?› jedha.
JOB 9:13 Waaqi mufii ifii duubatti hin deebisu; worri bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu qarqaaruuyyuu isaaf hin sagadan.
JOB 9:14 «Ani attam deebii isaaf kennuu dande'a ree? Ani isa woliin falmiisaaf, attamiin jechoota filatuu dande'a ree?
JOB 9:15 Ani yakkaa qabaatuu yoo dhabelle, abbaa mura'aa kiyya akka naaf mararu gaafadha malee, deebii isaaf kennuu hin dande'u.
JOB 9:16 Ani maqaa isaa waammadhee inni naaf yoo deebiselle, akka inni qoonqoo tiyya dhage'u hin dhugeeffadhu.
JOB 9:17 Inni bubbe'een na butucha; sababa malee madaa natti baceessa.
JOB 9:18 Inni hadha'aan na guuta malee, hafuura na hin fudhachiisu.
JOB 9:19 Marroo jabeennaa yoo teete, inni jaba'a. Marroo mura'aa yoo teete, gara addee mura'aa san ka isa waamuu dande'u eennu?
JOB 9:20 Ani yakkaa qabaatuu dhabulle afaan kiyyaayyuu natti mura; ani ka komii hin qanne te'ulle, ‹Daba'a› anaan jedha.
JOB 9:21 «Ani ka komii hin qanne te'ulle marroo mataa kiyyaa hin beeku; jiruu tiyyalle hin jibba.
JOB 9:22 Martinuu tokkuma; tanaaf ani, ‹Waaqi worra komii hin qannee fi worra hamaaleyyii hin balleessa› jedhe.
JOB 9:23 Yennaa balaan nama yakkaa hin qanne dedhuma ijjeesu Waaqi isatti hin qacifata.
JOB 9:24 Yennaa latti harka worra hamaaleyyi'iititti kennantu, Waaqi ila abbootii mura'aa ta lafa sanii hin golla. Isa yoo hin te'in, tana ka godhe eennu ree?
JOB 9:25 «Barri kiyya nama rukkisu caalaa ariifata; adoo waan dansaa hin dhagginuu dabara.
JOB 9:26 Akka hoboloo ariifattu'uu, akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu dabara.
JOB 9:27 Ani, ‹Gungunsuu tiyya hin dedha; nyaara guuruu lakkisee, hin seeqadha› yoo jedhe,
JOB 9:28 akka nama yakkaa hin qanneetitti akka ati na hin ilaalle waan beekuuf farra tiyya duudii hin sodaadha.
JOB 9:29 Yakkaan eega natti murantu teete, maaf toluma dadhaba ree?
JOB 9:30 Nafa kiyya saamunaan, harka kiyya haraanja'aan yoo dhiqadhelle,
JOB 9:31 ati boolla haraa itti gatanu keessatti na gatta; woyaan tiyyaayyuu na jibbiti.
JOB 9:32 «Ani isa woliin gara kora mura'aa dhaqee deebii isaaf kenniisaaf, inni akka kiyya nama foon uffatee moti.
JOB 9:33 Nami anaa fi Waaqa wolitti araarsiisaaf wodhakkaa teennatti murtee kennu adoo hin jiraatuu!
JOB 9:34 Akka ani hin bararandheef, adoo Waaqi na adabuu dhabe,
JOB 9:35 ani sodaa malee, silaa isa woliin hin dubbadhaayyu; amma ammoo dubbatuu hin dandeenne.
JOB 10:1 «Ani jiruu tiyya jibbeera; tanaaf ittuma gungumaa, hadhaa lubbuu tiyyaa hin dubbadha.
JOB 10:2 Ani Waaqaan, ‹Waan na loltuuf natti himi malee, natti hin murin!
JOB 10:3 Mala worra hamoole'ee fudhattee, hujii harka keetii tuffattee, na cunqursiisi si hin gammachiisaa?
JOB 10:4 Ati ila nama foonii qaddaa ree? Akkuma nami ilaalu ilaaltaa ree?
JOB 10:5 Guyyooti keeti akka guyyoota namaatii ree? Yookiin woggooti keeti akka woggoota namaatii ree?
JOB 10:6 Ati maaf yakkaa tiyya barbaaddee, cubbuu tiyya qorqorta?
JOB 10:7 Akka ani yakkaa hin qannee fi harka keeti keessaa nami na baasu akka hin jirre ati hin beetta.
JOB 10:8 «‹Ka miidhassee na dade harka keeti; amma deebitee na balleessitaa?
JOB 10:9 Faara irraa akka na dadde qaabadhu; ammalle biyye'etti na deebisu'uufii ree?
JOB 10:10 Ati akka aananii na dhangalaattee, akka itittu'uu na hin itichinee ree?
JOB 10:11 Goga'aa fi foon natti uffittee, lafe'ee fi ribu'uun wolitti qassiitte.
JOB 10:12 Ati jiru'uu fi jaalala bara baraa keeti naaf kenniteerta; eeddoon teeti na jiraachitteerti.
JOB 10:13 Ati ada waan kana gadhaa keeti keessatti dhoffatteerta. Kun karoora keeti akka te'e ani hin beeka.
JOB 10:14 Ani yoo cubbuu huje ati hin dhaggita; yakkaa tiyyalle adaddu malee hin lakkittu.
JOB 10:15 Hamaalessa yoo te'e, naaf aanne'e! Nama balchaa te'ulle dande'ee mataa kiyya ol hin qabadhu. Ani waan salphadheef rakko'oon guutameera.
JOB 10:16 Yoo mataa kiyya ol qabadhe, ati akka neenqaa na adansita. Na miidhiisaafille itti deddeebitee hunna teeti sodaachittuu natti mudhitta.
JOB 10:17 Ati dhugaa baatota haareya na irratti kaatta; mufii teeti natti fakkansita; loltoota haareya natti fidda.
JOB 10:18 «‹Waaqa kiyya, maaf akka ani dhaladhu na goote? Ilti nama tokkoolle adoo na hin dhaggin adoo du'ee hin jiraadhuu!
JOB 10:19 Adoo dhalatiisa hin dhabuu! Yookiin gadaamessa keessaa gara awwaalaa adoo hin geeffamuu!
JOB 10:20 Barri jiruu tiyyaa gabaaba'aa motii? Bara gabaabaa kana keessatti diqqumalle akka gammadu na lakkis.
JOB 10:21 Ani gara lafa deebi'anee hin gallee, lafa dimimmisaatii fi dukkana dimmaa,
JOB 10:22 gara lafa dukkana dimmaa gara lafa gaaddisa du'aa gara lafa nageya hin qannee, addee ifi akka dukkanaa te'e adoo hin dhaqin diqqumalle akka gammadu na lakkis› hin jedha» jedhe.
JOB 11:1 Achiin duuba Naa'imaatichi Zofaar deebisee,
JOB 11:2 «Dubbii hedduu tanaaf deebiin hin kennantuu ree? Nami dubbatticha te'eef dhugaa dhaggataa ree?
JOB 11:3 Iyoob, dharti teeti nama cadhisiittii ree? Yennaa ati murgitulle nami si xixu hin jiru seetaa?
JOB 11:4 Ati Waaqaan, ‹Barsiisi kiyya sirri'i; fuula Waaqaa duralle'etti ani qulqullu'u› jetta.
JOB 11:5 Ammoo adoo Waaqi afaan ifii saaqatee, sitti dubbate,
JOB 11:6 karaan qarumma'aa hedduu waan te'eef, dhossaa qarumma'aa adoo sitti mudhise, haga si'iif maltee gad akka inni si adabe hin beettaayyu.
JOB 11:7 «Gad fageenna dhossaa Waaqaa qorqortee beekuu dandeettaa? Waaqa waan mara dande'u qorqortee bira gewuu dandeettaa?
JOB 11:8 Guddinni isaa ol-gubbaa caalaa ol fagaata. Ati maan godhuu dandeetta ree? Gad fageenni isaalle qilee caalaa gad fagaata. Ati maan beekuu dandeetta ree?
JOB 11:9 Guddinni Waaqaa lafa caalaa dheerata; abbaayaa caalaalle badhata.
JOB 11:10 «Waaqi tana duudii irra dabaree dhufee, mana hidha'aatitti si galchee kora mura'aa sitti rare eentu isa dhoogguu dande'a?
JOB 11:11 Inni kolbaa woy hin baane hin beeka; inni yennaa yakkaa isaanii dhaggu cadhisee hin ilaalaa?
JOB 11:12 Yoo harreen diidaa nama dhalte qofa nami gowwaan qaroo te'uu dande'a.
JOB 11:13 «Ati gadhaa keeti yoo qajeelfatte, harka keeti gara Waaqaa yoo badhifatte,
JOB 11:14 yakkaa harka keeti keessa jirtu ifi irraa yoo fageessitee, wonni hantuun dunkaana keeti keessaa akka hin jiraanne yoo goote,
JOB 11:15 yennaa san dhugumaan qaanii malee, mataa keeti ol hin qabatta; sodaa maleelle jabaattee hin dhaabbatta.
JOB 11:16 Achiin duuba rakkoo teeti duudii hin deeta; akka lolaa yaa'ee dabaree qofa isii qaabatta.
JOB 11:17 Jiruun teeti ifa saafowaa caalaa hin itti; dukkantille akka ganamaa hin teeti.
JOB 11:18 Addiin waan jirtuuf atille addattee hin leeta; Waaqi waan si eeguuf sodaa malee fooraan hin leeta.
JOB 11:19 Eennulle adoo hin sodaatin hin ratta; worri hedduun si duratti fudhatama dhaggatiisa barbaadan.
JOB 11:20 Ilti worra hama'aa ammoo hin jaamti; karaa miliqanu hin dhaggatanu; muummeen isaanii du'a» jedhe.
JOB 12:1 Iyoob deebisee,
JOB 12:2 «Dhuguma isin qaroole'ee motii ree! Yennaa duutanulle qarummaan isin woliin duutii motii ree!
JOB 12:3 Ani ammoo akkuma keessan hubantii qaba; ani isinii gadii moti; waan akkasii kana eentu wollaala ree?
JOB 12:4 «Waaqa daadimadhee yennaan inni naaf deebise jirtiiyyu; amma ani waan jaaloti tiyya itti kollitu te'eera. Ani nami balchaan komii hin qanne waan nami duudiin itti kollu te'eera.
JOB 12:5 Worri itti tolte rakkinna nama rakkatee tuffatiis kaso'o; nama jigiisaaf tintimu hin darban.
JOB 12:6 Dunkaaniin worra saantotaa nageyaan jirti; worri Waaqa tuttuqee aarsu, worri Waaqa waan toowatu ifi seyu nageyaan le'a.
JOB 12:7 «Me bineensota gaafadhu; Isaan si barsiisan. Sinbirrootalle gaafadhu isaan sitti hin himan.
JOB 12:8 Yookiin lafa gaafadhu; isiin si hin barsiitti; yookiin qurxummiin abbaaya'aa sitti hin hinti.
JOB 12:9 Harki Waaqaa akka isaan dade isaan kana duudii keessaa ka hin beenne eennu ree?
JOB 12:10 Jiruun waan duudi'iitii fi hafuurri nama duudi'ii harka Waaqaa jiran.
JOB 12:11 Akkuma arrabi sagalee addaan baasee beeku, gurrille dubbii addaan hin baasa.
JOB 12:12 Qarummaa maanguddootatti qabaa motii ree? Hubantiille worra woggaa dheertuu le'etti qabaa motii ree?
JOB 12:13 «Qarumma'aa fi hunni ta Waaqaa ti; gorsaa fi hubantiille tama isaa ti.
JOB 12:14 Waan inni diige, nami tokkolle deebisee ijaaruu hin dande'u. Nama inni balbala itti cufe, nami tokkolle banuu hin dande'u.
JOB 12:15 Yoo inni bokkeya dhooggate oola'atti te'a; yoo inni bokkeya gad lakkise, lolaan lafa balleessa.
JOB 12:16 Jabeennii fi qarummaan ta isaa ti; ka sobuu fi ka sobamulle isaan lamaanuu baallii isaa jala jiran.
JOB 12:17 Inni gorsitoota mootichaa miila duwwaa akka booji'amanu hin godha; abbootii mura'aalle hin gowwoonsa.
JOB 12:18 Inni mootota barcumaa mootumma'aa irraa buusee, hidhantoota isaan godha.
JOB 12:19 Inni hayyoota irraa baallii isaanii mulqee, worra hunnaameyyiille hin fonqolcha.
JOB 12:20 Worra addatame cadhi godha; jaarsoleelle qarummaa hin dhoogga.
JOB 12:21 Inni qondaaltota hin salphisa; hidhata worra jajjabaa hin hiika.
JOB 12:22 Inni dhossaa dukkana keessaa hin mudhisa; dukkana dimma gara ifaa hin jijjiira.
JOB 12:23 Inni gosa biyya adda addaa hunnaameyyii hin godha; hin balleessalle'e; inni gosa biyya adda addaa hin baceessa; hin bittinnessalle'e.
JOB 12:24 Inni sooreyyii irraa hubantii isaanii hin mulqa; goomolee daandii hin qanne keessalle hin joonjisiisa.
JOB 12:25 Isaan ifa malee, dukkana keessa qaqqabataa akka ideemanu, akka nama machoweelle akka titimisanu hin godha.
JOB 13:1 «Kunoo, tana mara ilti tiyya dhaggiteerti; gurri kiyyalle dhage'ee hubateera.
JOB 13:2 Waan isin beettanu anille hin beeka; ani isinii gadii moti.
JOB 13:3 Ani ammoo Waaqa waan mara dande'u woliin dubbadhee, haajaa kiyya isa woliin falmuu fedha malee, si woliinii moti.
JOB 13:4 Isin ammoo dharaan hallitan; isin akka ogeeyyii eennulle fayyisuu hin dandeennee ti.
JOB 13:5 Ani silaa adoo cadhittane fedha, sun isiniif qarummaa hin teetiiyyu.
JOB 13:6 Amma falmata kiyya dhage'a'a; iyyata afaan kiyyaalle caqasa'a.
JOB 13:7 Isin Waaqaaf jettanee dhara dubbattanii? Isaaf jettanee soballe dubbattanii?
JOB 13:8 Isin isaaf rogaartanii ree? Kora mura'aa duratti haajaa Waaqaaf falmitanii ree?
JOB 13:9 Waaqi yoo isin qorqore isiniif dansa'aa ree? Yookiin akkuma nama soddanu Waaqalle sobuu hin dandeettanii ree?
JOB 13:10 Isin dhossa'aan yoo roddane, inni dhugumaan isin hin xixa.
JOB 13:11 Arinyi isaa isin hin bararassuu ree? Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu ree?
JOB 13:12 Mammaassi keessan akka daadha'aa bu'aa hin qabu; falmiin teessan akka faaraa caccaddi.
JOB 13:13 «Me na irraa cadhisa'a; wonni feete natti dhuttuutii, ani hin dubbadha.
JOB 13:14 Ani maaf ifi rakkisee lubbuu tiyyalle harkatti qabadhee le'a?
JOB 13:15 Waaqi yoo na ijjeeselle, ani isuma addadha; dhugaa tiyyalle isuma duratti falmadha.
JOB 13:16 Worri Waaqa malee le'u Waaqa dura dhikaatuu waan hin dandeenneef, kun fayyinna kiyyaaf te'a fa'a.
JOB 13:17 Dubbii tiyya akka dansaa caqasa'aatii, waan ani jedhulle gurri keessan dhage'uu ti.
JOB 13:18 Ani dubbii tiyya akka dansaa qopheeffadheera; akka dhugaa dhaggadhulle hin beeka.
JOB 13:19 «Ka na himatu jiraa ree? Yoo jiraate ani adoo hin falmatin cadhisee hin du'a.
JOB 13:20 «Ee Waaqa! Akka ani fuula keeti duraa hin dhokanneef, waan lamaan kana qofa si gaafadha:
JOB 13:21 Na adabiisa lakkisi; arnya keetille'een na hin bararassin.
JOB 13:22 Achiin duuba na waami, anille hin owwaadha. Yookiin ani hin dubbadha ati deebii naaf kenni.
JOB 13:23 Yakkaan tiyyaa fi cubbuun tiyya hagam heddatti? Balleessaa tiyyaa fi cubbuu tiyya natti himi.
JOB 13:24 Ati maaf fuula keeti na duraa dhoffattee, akka diina keetiititti na laakkotta?
JOB 13:25 Ati akka baala qilleensi fuudhee ideemuu na sodaachisaa, akka hicaacee goddu'uu na ariitaa?
JOB 13:26 Ati himannaa hadhoottuu na irratti barreessite. Gatii yakkaa bara ijoollummaa tiyyaalle, akka dhaggadhu goote.
JOB 13:27 Ati miila kiyya jirma oddu'utti hiiteerta; tarkaaffii tiyya duudii hin eedda; faana miila kiyyaalle hin qorqorta.
JOB 13:28 «Tanaaf ani akka waan shamee, akka woyaa qu'een nyaattee hin bada.
JOB 14:1 «Barri nama foon uffatee gabaaba'a; sunuu rakko'oon ka guutame.
JOB 14:2 Inni akka daraara'aa mudhatee, yoosuma hin qoora; akka gaaddisaa adoo hin turin hin dabara.
JOB 14:3 Ati nama akkasii kana ilaaltaa ree? Mura'aaf ifi duratti na dhikeessitaa ree?
JOB 14:4 Waan qulqulluu hin te'in keessaa, waan qulqulluu baasuu ka dande'u eennu? Nami tokkolle hin dande'u.
JOB 14:5 Barri namaa ka murtaye; ji'i inni le'uulle si biratti ka laakkowame. Bara ati isaaf murteessite irra ka dabaru hin jiru.
JOB 14:6 Nami qaxaramee huju hujii ifii yennaa fixu akkuma gammadu, namille bara dadhabbii ifii keessa akka gammadu ossiif.
JOB 14:7 «Muki yoo murame deebi'ee waan latuu fi damee waan baafatuuf addii qaba.
JOB 14:8 Hiddi isaa lafa keessatti dulloomulle, jirmi isaalle biyyee keessatti gogulle,
JOB 14:9 foolee bisaaniitiin deebi'ee hin quunxa; akka biqiltuu reef lattuulle damee hin baafata.
JOB 14:10 Nami ammoo du'ee hin bada; eega du'e deebi'ee hin dhaggamu.
JOB 14:11 Akkuma bisaan abbaayaa keessaa ol fiilee dhabamuutii fi akka bisaan laga keessaa goguu,
JOB 14:12 akkasuma nami du'e deebi'ee hin ka'u; ol-gubbaan haga dabartutti hin dammaqu; yookiin hirriiba irraa hin ka'u.
JOB 14:13 «Mufiin teeti haga dabartutti addee worra du'eetitti adoo na dhossitee guyyaa murteessitee adoo na qaabatte hin fedhaayyu!
JOB 14:14 Nami eega du'e deebi'ee hin jiraataa ree? Haga foorri naa dhufutti, bara dadhabbi'iin lafa irra le'u duudii ossaan hin eegadha'a.
JOB 14:15 Ati na hin waanta; anille hin owwaadha; ati hujii harka keetii na hin dharraata.
JOB 14:16 Achiin duuba tarkaaffii tiyya duudii hin laakkotta; cubbuu tiyya ammoo natti hin heddu.
JOB 14:17 Akka huura subba keessa keyamee gatamuu, balleessaa tiyya duudii na irraa hin gatta; cubbuu tiyyalle hin balleessita.
JOB 14:18 Akkuma gaarri sigigaatee jijjigu, akkuma rassaalle addee ifii irraa ka'u,
JOB 14:19 akkuma bisaan dhakaa qoqqotu akkuma lolaan biyyee haru, atille akkasuma addii namaa hin balleessita.
JOB 14:20 Hunni teeti haga bara baraa isa irratti hin jabaatti; innille hin du'a. Bifa isaalle jijjiirtee ifi duraa hin balleessita.
JOB 14:21 Ilmaan isaa yoo ulfinna dhaggatanu, inni hin beeku. Yoo isaan salphatanulle inni hin dhaggu.
JOB 14:22 Dhibee nafa isaa qofatti itti dhage'ama; inni ifi qofaaf bowa» jedhe.
JOB 15:1 Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee,
JOB 15:2 «Nami qaroon dubbii hiikkaa hin qanne hin dubbataa? Gadhaa ifii keessalle'etti yaada miidhaa qabu qabatuu qabaa ree?
JOB 15:3 Inni dubbii bu'aa hin qanneen, yookiin haasowa woy hin baaneen hin falmataa ree?
JOB 15:4 Ati ammoo Waaqa sodaatiisa lakkitteerta; waaqonfannaa isaaf maltelle hin gufachiitta.
JOB 15:5 Yakkaan teeti dubbii teetiin beekkanti; ati ammoo akka worra malte'ee dubbatiisa filatta.
JOB 15:6 Dubbuma teetittuu sitti mura; arrabuma keetittuu dhugaa si irratti baya malee, anaa moti.
JOB 15:7 «Nama duudi'iin dura ka dhalate si'ii ree? Ati gaaroti adoo hin dadaminiin dura dadantee ree?
JOB 15:8 Marii Waaqaa ta dhossa'aa dhageetteertaa? Qarummaa nama duudi'ii ka beeku si qofa seetaa?
JOB 15:9 Waan nuuti hin beenne, maan beetta? Waan nu'uuf ifa hin te'in maan hubatte?
JOB 15:10 Worri mataan isaanii arrii te'e ka abbaa keeti caalaa dulloomane nu woliin jiran.
JOB 15:11 Jajjabeessiis Waaqaa yookiin jechi inni malaan sitti dubbate si hin gewuu?
JOB 15:12 Qalbiin teeti maaf si fudhattee ideenti? Aari'iin ila teeti maaf baatta?
JOB 15:13 Maaf Waaqatti aartee dubbiin akkasii afaan keetii baati?
JOB 15:14 «Nami qulqulluu te'uu hin dande'aa ree? Nami foon uffate balchaa te'uu dande'a ree?
JOB 15:15 Waaqi ergantoota ifiitittuu hin addatu; ol-gubbaanuu isa duratti qulqullu'uu moti.
JOB 15:16 Nami yakkaa akka bisaanii unu, attam attam bada'aa fi battowa'a ree!
JOB 15:17 «Ani waan dhagge hin dubbadha; sitti hima na caqasi.
JOB 15:18 Sunille waan worri qaroon abbootii ifii irraa fuudhee adoo hin dhossin dubbate.
JOB 15:19 Latti abbootii isaanii qofaaf kennanteertiiyyu; ormille odduu isaanii hin leene.
JOB 15:20 Nami hamaan ka nama cunqursaa le'e, bara ifii duudii farraa le'a.
JOB 15:21 Qoonqoon bararassitu gurra isaatitti iyyiti; yennaa wonni marti nageya itti fakkaattutti ka balleessu isatti hin dhufa.
JOB 15:22 Shallaagaan isa waan eegatuuf inni dukkana keessaa bayiisaaf addii hin qabu.
JOB 15:23 Sagalee allaatti'ii te'iisaaf hin joonja; guyyaan dukkanaa akka isatti dhikaatelle hin beeka.
JOB 15:24 Gaddaa fi laaleffati isa bararassan; akka mooticha lolaaf qophowee itti hammaatan.
JOB 15:25 Inni harka ifii Waaqa irratti waan kaaseef, Waaqa waan mara dande'u irratti jabaa waan ifi fakkeesseef,
JOB 15:26 mataa jabinnaan wontee ifii furdoo-jadduu fudhatee ifi irraa dhooggatiisaaf itti fiiga.
JOB 15:27 «Fuulli isaa coomaan gollameera; hidhi isaa coomaan furdateera.
JOB 15:28 Nami kun qachoota diigame, mana nami keessa hin leene, ka diigamiisaaf dhikaate keessa le'a.
JOB 15:29 Inni hin duroomu, karri isaalle yennaa heddu'uuf hin turtu; lafa irralle'etti hin babadhattu.
JOB 15:30 Inni dukkana jalaa hin miliqu; akka muka dameelee isaa bobeenni ibiddaa gosseetii fi daraaraan isaalle hafuura aarii Waaqaatiin harca'ee hin te'a.
JOB 15:31 Inni womaa waan irraa hin dhagganneef, waan bu'aa hin qannetti addatiisaan ifi hin sobin.
JOB 15:32 Akka muka jirmi isaa yennaan adoo hin geyin goguutii fi dameeleen isaa hin bisillee hin te'a.
JOB 15:33 Inni akka muka woyni'ii ka unkuruura ifii adoo hin bilchaatin harcaafatuutii fi akka muka ejersaa ka daraaraa ifii harcaafatuu ti.
JOB 15:34 Worri yaada Waaqa malee le'u sanyii hin qabaatu; Manni safu'uun ijaarame ibiddaan gubatee bada.
JOB 15:35 Worri akkas jiru hammeenna karoorfataa rakkinna fida; gadhaan isaaniille sobaan guutameera» jedhe.
JOB 16:1 Achiin duuba Iyoob deebisee,
JOB 16:2 «Ani dubbii akkasii hedduu dhage'eera; isin marti jajjabeessitoota nama hifachiittanu.
JOB 16:3 Dubbiin teessan ta bu'aa hin qanne tun hin dhumattuu? Yookiin akka ati na woliin falmiisa hin lakkinneef maanti si kakkaasa?
JOB 16:4 Adoo isin addee tiyya buutanee, ani addee teessan bu'ee jiraadhee murgo'oon mataa isinitti raasaa akkuma isin amma jettanu anille isin irratti miidhassee dubbadhaayyu.
JOB 16:5 Dubbii afaan kiyyaatiin silaa isin hin jajjabeessaayyu; isin jabeessiisaafille guddoo dubbatuu dande'aayyu.
JOB 16:6 «Ani yoo guddoo dubbadhelle dhibeen tiyya hin goontu; yoo osselle dhibeen tiyya na hin lakkittu.
JOB 16:7 Waaqa kiyya, ati na daddassiitteerta; maatii tiyya duudiille balleessiteerta.
JOB 16:8 Ati na shuntuurachiitteerta; shuntuuratiis nafa kiyyaa na irratti dhugaa bayaa te'eera; huqqinni kiyya na irratti ka'ee, akka ani cubbuu huje dhugaa hin baya.
JOB 16:9 Waaqi mufii ifiitiin nafa kiyya kukkute inni hidhii natti ciniinnatee, diinni kiyyalle ila natti diimeffate.
JOB 16:10 Namooti na ceeggatiisaaf afaan ifii natti banane; tuffiille'een na dhabanaasanee wolitti qabamanee natti ka'ane.
JOB 16:11 Waaqi kolbaa hantu'utti dabarsee na kennee, harka worra hama'aatitti na gate.
JOB 16:12 Ani nageyaan le'aa tureeyyu; Waaqi ammoo mufii ifiitiin na hargufe; inni morma kiyya hudhee na butuchee, waan itti xiyyeeffatu na godhate.
JOB 16:13 Worri guube'ee ka isaa na marsee, marartii malee kalattii tiyya kukkutee hadhoottuu tiyyalle lafatti jisse.
JOB 16:14 Inni itti deddeebi'ee na madeesse; akka loltu'uu gara kiyya ori'e.
JOB 16:15 «Ani gaddee woyaa gaddaa uffadheera; bukuu keessalle'etti jigeera.
JOB 16:16 Fuulli kiyya bowichaan diimatee, ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti;
JOB 16:17 tun duudiin teetulle ani hunnaan nama irratti hin kaane; daadimati kiyyalle qulqullu'u.
JOB 16:18 «Ee lafa, dhiiga kiyya hin dhossin! Iyyi tiyya si biratti ukkaamantee hin hafin!
JOB 16:19 Kunoo ka dhugaa naa bayuu fi wobiin kiyya ol-gubbaa jira.
JOB 16:20 Jaaloti tiyya na tuffatti; ani ammoo gara Waaqaa bowa.
JOB 16:21 Akkuma nami nama kadhatee wolitti araarsu, nami namaa fi Waaqa wolitti araarsu adoo hin jiraatuu!
JOB 16:22 «Ani deensa deebi'ee hin deebine deemiisaaf woggaa diqqoo qofatti naa hafeera.
JOB 17:1 Qooqqee qofatti na keessa jira; barri jiruu tiyyaa haleelameera; awwaallille na eegata.
JOB 17:2 Dhugumaan worri natti murgu na marsaneeran; ilti tiyyalle nunnuussaa isaaniititti xiyyeeffatti.
JOB 17:3 «Waaqa kiyya, ka si woliin wobii naaf te'u naa kenni; si'uma malee, ka dhibiin ka wobii naaf te'u eennu ree?
JOB 17:4 Akka isaan hin hubanneef qalbii isaanii cutteerta tanaaf akka isaan injifatanu hin gootu.
JOB 17:5 Nama beese'eef jedhee jaala ifii dabarsee kennu ijoolleen isaa hin rakkatti.
JOB 17:6 «Waaqi nama nami marti fuulatti tufu nama duudi'iifille ka mammaassaa na godhe.
JOB 17:7 Gadda irraa ta kaate ilti tiyya dhagguu dadhaddee nafi kiyya duudiin akka gaaddiddu'uu te'eera.
JOB 17:8 Worri qajeelaa ifi seyu waan kana maadeffata; worri yakkaa hin qanne worra Waaqa malee le'utti ka'a.
JOB 17:9 Te'uu malee balchooti karaa dhuga'aa irraa hin goranu; worri harki isaanii qulqullu'uu ifi seyanu jabeenna irratti jabeenna ede'atan.
JOB 17:10 «Isin marti ammoo deebi'aatii ammalle wodhaana'a. Ani odduu teessanitti nama qaroo hin dhaggu.
JOB 17:11 Barri le'ii tiyya hobba'eera; karoorrii fi halchaan gadhaa kiyyaa karaa irratti hafane.
JOB 17:12 Jarri tun halkan guyyaa gooti; yennaa dukkanaa, ‹Ifi dhikaateera› jedhan.
JOB 17:13 Boolla awwaalaa akka mana kiyyaatitti yoo ilaale, taqee tiyya dukkana keessatti yoo afadhe,
JOB 17:14 boolla awwaalaatiin, ‹Ati abbaa kiyya› corroqa na nyaattulle'een, ‹Haadha tiyya yookiin obboleettii tiyya› yoo jedhe,
JOB 17:15 addiin tiyya meet ree? Addii tiyya tana eentu naaf dhagga ree?
JOB 17:16 Yoo ani gara boolla awwaalaa bu'u addiin tiyya na woliin gad buutii ree? wolille'een biyyee seennaa ree?» jedhe.
JOB 18:1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,
JOB 18:2 «Iyoob, ati yoom dubbattee fixxa? Caqasi, nuutille hin dubbanna.
JOB 18:3 Ati maaf akka hori'ii nu laakkotta? Ila teeti duralle'etti maaf akka gowwa'aatitti nu laakkotta?
JOB 18:4 Ati aarii teetiin ifuu miita malee, latti sababa keetiif hin ontu; yookiin rassaan addee ifii irraa hin tacho'u.
JOB 18:5 Issaan worra hamaaleyyi'ii hin dhaama; bobeenni ibidda isaaniille ijjumaa hin bobe'u.
JOB 18:6 Issaan dunkaanii isaanii keessa jiru hin dhaama; ifille hin dukkanowa.
JOB 18:7 Hunni tarkaaffii isaanii hin laatti; malli isaaniituu isaan hin gufachiisa.
JOB 18:8 Miilli isaaniituu tiyyoo keessa isaan hin galcha; gara boolla keessa bu'anuulle hin deeman.
JOB 18:9 Tiyyoon komee isaanii hin qaddi; fonxoroolle jabeessitee isaan hin qaddi.
JOB 18:10 Wodaroon isaan qaddu lafa keessatti dhoffanteerti; tiyyoolle karaa isaanii irratti afanteerti.
JOB 18:11 Wonni nama bararassu isaan marsiteerti; hordotteelle isaan hin ariiti.
JOB 18:12 Hunni isaanii beelaan dhumatteerti; badiille qophoottee isaan eegatti.
JOB 18:13 Dhukkubi gogaa nafa isaanii hin fixa; duuti harkaa fi miila isaaniille hin nyaatti.
JOB 18:14 Dunkaanii addatanee le'anu keessaa hin ari'aman; gara mootummaa du'aalle hin geeffaman.
JOB 18:15 Mana isaanii keessatti wonni takkaalle hin hattu. Qe'ee isaaniititti dhakaan bobe'u hin firfirfama.
JOB 18:16 Isaan akka muka hidda hunde'een goguutii fi dameeleen isaa qoortuu hin te'an.
JOB 18:17 Qaabbiin isaanii lafa irraa hin baddi; maqaan isaaniille lafa irraa hin bada.
JOB 18:18 Isaan ifa irraa gara dukkanaatitti hin ari'aman; biyya lafaa irralle'ee hin balleeffaman.
JOB 18:19 Odduu kolbaa ifiitii dhala yookiin sanyii hin qabaatanu. Addee isaan le'anulle'etti ka jiru'uun hafu hin jiru.
JOB 18:20 Worri gara aduun baatuutii fi gara aduun seentuu waan isaan irra geye dhage'anee sodaa guddo'oon qabamane.
JOB 18:21 Qe'een worra Waaqa malee le'uu addeen nama Waaqa hin beenneelle akkas teeti» jedhe.
JOB 19:1 Achiin duuba Iyoob deebisee,
JOB 19:2 «Isin haga yoomii na farrisiittan? Haga yoomii jechaan lafee na cassitan?
JOB 19:3 Isin deddeebitanee na arrassitan; daba na irratti hujjanuuf hin fokkifattanuu?
JOB 19:4 Dhuguma yoo dokonkoree jiraadhe, dokonkorri sun anuma qofa miidha.
JOB 19:5 Dhuguma isin na irratti ifi ol ol qaddanee, qaanii tiyya waan anaan morontanuun yoo godhattane,
JOB 19:6 ka na farrisiisee, tiyyoo ifiitiin na marsee xaxe Waaqa akka te'e beeka'a.
JOB 19:7 «‹Hunnaan na irratti ka'ane› jedhee iyyadhulle, deebii hin dhagganne. Qoonqoo tiyya ol qabadhee dhageessifadhulle, muraa haqaa hin dhagganne.
JOB 19:8 Waaqi akka ani hin dabarreef karaa natti cufeera; daandii tiyyalle dukkanaan golleera.
JOB 19:9 Inni ulfinna kiyya na irraa fuudhee, kallachalle mataa kiyya irraa buuseera.
JOB 19:10 Inni karaa maraan nafa kiyya caccassee hurbee, addii tiyyalle akka mukaa buqqiseera.
JOB 19:11 Inni mufii ifii na irratti bobeessee, akka diina ifiititti na laakkowe.
JOB 19:12 Inni na balleessiisaaf loltoota ifii erge; isaan adaala dunkaanii tiyyaatitti kushee hujatanee qubatane.
JOB 19:13 «Waaqi obboleeyyan tiyya na irraa fageesse; worri na beekulle alagaa akka natti te'u godhe.
JOB 19:14 Firri kiyya na irraa fagaate; jaaloti tiyyalle na dedhane.
JOB 19:15 Keessummooti ani mana kiyyatti keessummeesse na dedhane. Dubartooti tajaajiltooti tiyya akka ormaatitti na laakkowane; akka alaga'aalle na ilaalane.
JOB 19:16 Ani tajaajilaa kiyya waame, inni ammoo na jalaa dide; akka na qarqaaruuf yennaa kadhadhelle na didate.
JOB 19:17 Haati manaa tiyya foolee hafuura kiyyaa jibbite; obboleeyyan tiyyaayyuu na diqatte.
JOB 19:18 Ijoolleen didiqoonuu na tuffatti; yennaa na dhagganu natti murgan.
JOB 19:19 Jaaloti tiyya ta ani addadhu na diqatte; worri ani jaaladhulle na irratti ka'e.
JOB 19:20 Foon kiyya dhumatee, gogaan kiyya lafee tiyyatti maxxanee, irgi ilkaan kiyyaa callaan jiruun ani hafe.
JOB 19:21 «Ee jaalota tiyya, harki Waaqaa waan na dhoweef, naaf marara'a! Naaf marara'a!
JOB 19:22 Akkuma Waaqi na miidhe isinille maaf na miitan? Haga ammaa ka na miitane isin hin gewuu?
JOB 19:23 «Maalo'o, dubbiin ani haga ammaa dubbadhe barreeffantee, kitaabatti adoo galmeeffantee!
JOB 19:24 Maalo'o, bara baraan akka yaadatantuuf meya sibiilaatii fi irsaasaatiin rassaa irratti qiriixantee adoo hin barreeffantuu!
JOB 19:25 Ka na wodu jiraataa akka te'e, muummee irralle'etti, dhugaa bayiisaaf lafa irra akka dhaabbatu hin beeka.
JOB 19:26 Gogaan kiyya nyaatamee dhumateen duuba te'ulle foon kiyyaan jiraadhee Waaqa akka dhaggu hin addadha.
JOB 19:27 Anumattuu isa dhagga; ani ila tiyyaan isuma dhagga malee, ka dhibi'ii moti. Gadhaan kiyya guyyaa san guddoo dharra'a.
JOB 19:28 «Isin, ‹Sababi rakko'ootuu isuma keessa waan jirtuuf, nuuti attam isa miina?› yoo jettane,
JOB 19:29 mufiin Waaqaa shallaaga'aan adabamiisa waan fidduuf isin shallaagaa san sodaadha'a; muraalle akka jirtu beeka'a» jedhe.
JOB 20:1 Achiin duuba Zofaariin Naa'imaatichi deebisee,
JOB 20:2 «Iyoob, ani deebii akka kennuuf yaadi kiyya na dirqansiisa; tanaaf dubbatiisaaf ariifadha.
JOB 20:3 Arraffama ittiin salphadhe dhage'adheera; hubatiis kiyya akka ani deebii kennu na godheera.
JOB 20:4 «Bara durii durii yennaa nami biyya lafaa irratti dadameen jalqabee, dubbii akkasii tana beettaa ree?
JOB 20:5 Qaca'iis worra hama'aa, haguma diqqa'a. Gammadi worra Waaqa malee le'uulle haga lipheettii ilaa ti.
JOB 20:6 Isaan haga ol-gubba'aa ifi ol ol qabanulle, mataan isaanii duumensa tuqulle,
JOB 20:7 isaan akkuma faalowa ifii hin badan; worri dur isaan dhaggeeru, ‹Isaan meet ree?› hin jedhan.
JOB 20:8 Isaan akka oojju'uu waan badanuuf hin dhaggamanu; akka mudhii halkaniille hin badan.
JOB 20:9 Ilti tanaan dura isaan dhaggite, deebitee isaan hin dhaggitu; isaan addee le'anu irralle'ee hin badan.
JOB 20:10 Ijoolleen isaanii waan abbootiin isaanii hiyyeeyyii irraa saante sossobataa hin deebitti.
JOB 20:11 Nafi isaanii ka hunna dargaggumma'aatiin guutame isaan woliin biyyee hin te'a.
JOB 20:12 «Hammeenni afaan isaanii keessatti mi'owee, arraba ifiitiin jalatti dhossanee,
JOB 20:13 afaan ifii keessaa baasuu jibbanee, afaan ifii keessatti qabatanulle,
JOB 20:14 sagaleen isaanii gadhaa isaanii keessatti gara hadha'aatitti hin jijjiiranti; akka hadhaa dhudhuufa'aalle hin teeti.
JOB 20:15 Isaan karra nyaatane hin tufan; Waaqi waan isaan nyaatane akka diddiganu hin godha.
JOB 20:16 Wonni isaan nyaatanu hadhaa dhudhuufa'aa itti hin teeti; hadhaa buuti'iille itti teetee isaan hin ijjeetti.
JOB 20:17 Isaan bisaanii fi laga ka dammaa fi itittuu woliin yaa'u hin dhagganu.
JOB 20:18 Waan ifii itti elowane adoo hin nyaatin deebisanee hin kennan; bu'aa daldalanee dhaggatanelle'etti hin gammadanu.
JOB 20:19 Isaan hiyyeeyyii cunqursanee duwwaa hamburanee, mana ifii hin ijaarinille waan fudhataneef tun teete.
JOB 20:20 «Joljolummaan isaanii foora isaan dhooggiteerti; qabeenni isaanii isaan baasuu hin dande'u.
JOB 20:21 Isaan waan qabanu nyaatanee hin fixan; tanaaf qabeenni isaanii dafee hin dhumata.
JOB 20:22 Qabeenna hedduu qabaatanulle, deegi isaanitti hin bu'a; rakkoon jadduulle isaan hin dhaqqaddi.
JOB 20:23 Isaan nyaatanee yennaa quufanu, Waaqi aarii ifii isaan irratti bobeessee, balaa ifii akka bokkeyaa isaan irratti hin roobisiisa.
JOB 20:24 Shallaagaa sibiilaa jalaa yoo miliqe daaya sageettu'uutiin hin woraanama.
JOB 20:25 Daayi sun woraanee duddaan isa fulla'a; qacceen calalaxxuun arfii sanii tiruu isaanii keessa baati; naasuulle'een hin qabaman.
JOB 20:26 Qabeenni isaanii duudiin dukkana dimmaa keessatti bada; ibiddi hin dhaanne isaan hin guba; waan dunkaana isaanii keessa hafelle muxuq godha.
JOB 20:27 Ol-gubbaan yakkaa isaanii hin mudhitti; lattille diinumma'aan isaan irratti hin kaati.
JOB 20:28 Guyyaa mufii Waaqaa qabeenni mana isaanii lola'aan hin fudhatama.
JOB 20:29 Qoodi Waaqi worra hama'aaf kennu, gatiin isaaniille tana» jedhe.
JOB 21:1 Iyoob deebisee,
JOB 21:2 «Waan ani dubbadhu miidhassa'aa caqasa'a; kun akka na jajjabeesitanetti isiniif laakkowamuu ti.
JOB 21:3 Ani hin dubbadhaa naaf ossadha'a; achiin duuba akka feetane murguu dandeettan.
JOB 21:4 «Ani nama komadhaa ree? Maaf ossa hin dhanne ree?
JOB 21:5 Ana ilaala'aatii maadeffadha'a; afaan keessanille qabadha'a.
JOB 21:6 Ani waan kana yennaa yaadadhu hin bararaqa; nafi kiyyalle hin hollata.
JOB 21:7 Worri hamaan maaf le'a? Maaf ganna dheeraa le'ee dullooma? maaf hunnaan ittuma jabaataa deema?
JOB 21:8 Ijoolle'ee fi akaakoti isaanii adoo isaan jiraranuu fuula isaanii duratti guddatanee itti tolteen dhaggan
JOB 21:9 Isaan mana ifii keessa sodaa malee nageyaan le'an; Waaqi isaan hin adabu.
JOB 21:10 Horiin isaanii rakkoo tokko malee hora; loon isaaniille rimeya gadha'aa hin gatanu.
JOB 21:11 Ijoollee ifii akka tika hoole'ee bobbaasan; daa'immaan isaaniille hin burraaxxi.
JOB 21:12 Isaan dibbe'ee fi maseenqo'oon qoonqoo suusulle'eetiin gammadanee hin sirban.
JOB 21:13 Isaan qananumma'aan bara ifii fixatan; farra malee du'an.
JOB 21:14 «Isaan Waaqaan, ‹Nuuti karaa keeti beekuu hin feenu; nu irraa fagaadhu.
JOB 21:15 Nuuti akka isa waaqonfannuuf ka waan mara dande'u eennu inni? Isa yoo daadimanne bu'aa maan dhagganna?› jedhan.
JOB 21:16 Qananummaan isaanii harkuma isaanii keessa jirtii motii ree? Maarre ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.
JOB 21:17 «Issaan worra hama'aa yennaa mara attam attam bada? Farri yennaa maraa attam attam isaanitti dhutti? Isaan yennaa mara adabbii mufii ifiitiin attam attam farrane?
JOB 21:18 Isaan akka huura qilleensa dura jiruutii motii ree? Akka cidii bubbe'een fudhatantuutii motii ree?
JOB 21:19 Isin ‹Waaqi yakkaa abbooti'iitiif ijoollee hin adaba› jettan; te'uu malee yakkaameyyiin yakkaa ifii akka beekanuuf, isaanunti adabamanuu ti.
JOB 21:20 Cubbaaleyyiin yakkaa ifiitiif adabamanuu ti; Waaqi waan mara dande'u mufii ifii isaanitti buusuu ti.
JOB 21:21 Nami du'een duuba marroo ijoollee ifiitiif maanti isa dhiba?
JOB 21:22 «Waaqa worra gugurda'attuu muru nami beekkumsa isa barsiisuu dande'aa ree?
JOB 21:23 Nami gariin adoo hunna qabuu le'iin itti toltee nageyaan adoo jiruu,
JOB 21:24 nafi isaa adoo gabbinna qabuu, lafee isaa keessa dhuki guuttee adoo jirtuu du'a.
JOB 21:25 Nami dhibiin ammoo jiruun itti hadhoottee, waan dansaa adoo hin dhaggin du'a.
JOB 21:26 Isaan lamaanuu du'anee awwaalamanee corroxxille itti duuddi.
JOB 21:27 «Kunoo, ani yaada keessan, mala isin na miidhiisaaf maltanelle miidhassee beeka.
JOB 21:28 Isin, ‹Manni nama guddaa sanii meet ree? Dunkaaniin worra hama'aa keessa meet ree?› jettan.
JOB 21:29 Isin worra karaa yaa'u hin gaafannee ree? Waan isaan jedhanelle hin fudhannee ree?
JOB 21:30 Nama hamaa balaan yennaa dhufu miidhaan isa hin dhaqqabu; guyyaa mufii Waaqaalle jalaa hin baya.
JOB 21:31 Nama hamaa amala isaa ka isa duratti komatu, hujii hantuu isaatiifille ka isa adabu eennu ree?
JOB 21:32 Yennaa inni du'e gara awwaalaa hin geessan. Irreensi isaalle hin eegama.
JOB 21:33 Biyyeen dhooqa keessaa isatti hin tolti. Namooti bacaan isa duubaan deeman; kolbaan bindillaalle isa dura deenti.
JOB 21:34 «Deebiin isin naaf kennitanu soba; attamiin dubbii woy hin baaneen na jajjabeessiisaaf wodhaantan ree?» jedhe.
JOB 22:1 Achiin duuba Eliifaaziin Temaanichi deebisee,
JOB 22:2 «Nami Waaqaaf bu'aa qabaatuu dande'aa ree? Nami qaroolle bu'aa ifumaaf buufata.
JOB 22:3 Ati balchaa yoo teete, balchummaan teeti Waaqa waan mara dande'u maan gammachiitti? Karaan keeti ka komii hin qanne yoo te'e, inni woy dhaggataa ree?
JOB 22:4 «Ati Waaqa waan sodaattuuf inni si xixee muraa si irratti fidee ree?
JOB 22:5 Tun sababa hammeenni keeti guddatee, cubbuun teeti bacatteefii motii ree?
JOB 22:6 Ati sababa malee obboleeyyan teeti irraa qaddii fudhatteerta; namoota irraa woyaa mulqitee, qullaa hamburteerta.
JOB 22:7 Ati worra dheebotee dadhabeef bisaan hin kennine; worra beelowelle sagalee dhooggatteerta.
JOB 22:8 Latti ta worra hunnaameyyi'ii ti; worra ulfinna qabutti isii irra le'a.
JOB 22:9 Haadhotii hiyyeessaa harka duwwaa gad lakkitteerta; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneelle cunqursiteerta.
JOB 22:10 Tanaaf tiyyoon si marsitee, dedhuma sodaan si bararassite.
JOB 22:11 Akka ati dhagguu hin dandeenne dukkanti si qaddee, lolaan si liqinse.
JOB 22:12 «Waaqi ol-gubbaa olii keessa le'aa motii ree? Urjoota ol fagoo jiranulle, gad ilaalaa motii ree?
JOB 22:13 Ati ammoo, ‹Waaqi maan beeka? Dukkana dimmaatiin gara kaan jiraatee natti muruu dande'aa?
JOB 22:14 Inni gonbobittii ol-gubba'aa irra yennaa deddeemu duumensi hurrantaan waan isa golluuf dhagguu hin dande'u› jetta.
JOB 22:15 Ati karaa durii ka worri hamaan irra deddeeme hordofaartaa ree?
JOB 22:16 Isaan adoo yennaan isaanii hin geyiinuu qoomamaneeran; hundeen isaanii lola'aan haxowanteerti.
JOB 22:17 Isaan Waaqa waan mara dande'uun, ‹Nu irraa fagaadhu; maan nuu godhuu dandeetta?› jedhane.
JOB 22:18 Te'uu malee isumattuu mana isaanii waan dansa'aan guute; tanaaf ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.
JOB 22:19 «Balchooti badii worra hamootaa dhagganee hin gammadan; worri yakkaa hin qanne murgo'oof itti kollaa,
JOB 22:20 ‹Dhuguma diinni keenna badeera; waan isaan irraa hafelle ibiddi fixeera› jedhan.
JOB 22:21 «Iyoob, Waaqaan wolii galiitii isa woliin nageya qabaadhu; karaa kanaan waan dansaa hin dhaggatta.
JOB 22:22 Qajeelcha inni sii kennu fudhadhu; jecha isaalle gadhaa keetitti qabadhu.
JOB 22:23 Ati gara Waaqa waan mara dande'uu yoo deebite, akka duriititti hin deebita; hammeenna dunkaanii teeti keessaa yoo fageessite,
JOB 22:24 worqii akka buku'uutitti, worqii gatii guddo'oolle akka rassaa bisaan keessaatitti yoo ilaalte,
JOB 22:25 Waaqi waan mara dande'u worqi'ii fi meetii gatii guddo'oo siif hin te'a.
JOB 22:26 Achiin duuba ati Waaqa waan mara dande'uun hin gammadda; isalle'etti addattee hin leeta.
JOB 22:27 Ati gara isaa hin daadimatta, innille si'iif hin dhage'a; atille waadaa keeti isaaf hin galchita.
JOB 22:28 Wonni ati murteeffatte siif hin teeti; ifille karaa keetitti hin ifa.
JOB 22:29 Waaqi worra kooru gad qaba; worra ifi gad qabu ammoo hin fayyisa.
JOB 22:30 Sababa ati yakkaa hin qanneef, Waaqi worra yakkaameyyi'iiyyuu adabbii jalaa hin baasa» jedhe.
JOB 23:1 Achiin duuba Iyoob deebisee,
JOB 23:2 «Ani iyyaa aadulle dhowichi isaa waan natti jabaateef, haga ammaa gadhaan kiyya gadda hama'aa fi gungussu'uun guutameera.
JOB 23:3 Addee isa itti dhaggu adoo beeke, gara addee inni le'uu dhaqee,
JOB 23:4 silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee, afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu.
JOB 23:5 Waan inni naaf deebisu sila hin beekaayyu waan inni naan jedhulle sila hin hubadhaayyu.
JOB 23:6 Waaqi hunna ifii guddo'oon na morminnaa laati? Waawwo'o! Inni naaf hin dhage'a.
JOB 23:7 Achitti nami qajeelaan haajaa ifii Waaqa duratti dhikeeffata; Waaqi abbaan mura'aa kiyyalle haga bara baraa bilisa na hin baasa.
JOB 23:8 «Ani gara aduun baatu yoo dhaqe inni achi hin jiru. Gara aduun seentulle yoo deebi'e, isa dhagguu hin dandeenne.
JOB 23:9 Yennaa inni gara kaabaatiin huju ani isa dhagguu hin dande'u. Yennaa inni gara kibbaallee deebi'uu ani isa dhagguu hin dande'u.
JOB 23:10 Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka; yennaa inni haga na ilaalu akka worqi'ii qulqulluu te'eeruun na dhagga.
JOB 23:11 Miilli kiyya faana isaa gula deema; karaa isaa irraa asii fi achi hin goru.
JOB 23:12 Ajaja afaan isaatii bawu irraa, ani hin fagaanne; jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera.
JOB 23:13 «Waaqi hin jijjiiramu; eennulle isa mormuu hin dande'u; inni waan fedhe godha.
JOB 23:14 Inni waan naaf yaade mara hin muummessa; wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti.
JOB 23:15 Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa; yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha.
JOB 23:16 Waaqi na sodaachise; ka waan mara dande'u na bararasse.
JOB 23:17 Te'uu malee ani dukkanaan, dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne.
JOB 24:1 «Waaqi waan mara dande'u guyyaa mura'aa maaf hin murteessin? Worri isa beekanu guyyaa mura'aa san maaf hin dhaggin?
JOB 24:2 Worri hamaan beessisa meessa'aa balleessa; isaan hoolee hatane bobbaafatan.
JOB 24:3 Harree ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee oofatanee deeman; qotiyyoo haadha hiyyeessaa qaddi'iif fudhatan.
JOB 24:4 Isaan hiyyeeyyii karaa irraa hin ari'an; hiyyeeyyiin lafa irraa marti isaan duraa hin baqatan.
JOB 24:5 Hiyyeeyyiin akka harree diidaa goomolee keessa ijoollee ifiitiif sagalee barbaassa lafa goomole'ee keessa daddaaqan.
JOB 24:6 Isaan fichaa nama dhibi'ii keessaa okeya hin haammatan; oorruu woyni'ii ta worra hama'aa keessalle'ee woxoo qocatan.
JOB 24:7 Halkan guutuu qullaa bulan; boojji'iif'ille waan ifi irra buufatanu hin qabanu.
JOB 24:8 Bokkeya gaara irra roobuun hin tortoran; waan jalatti qophatanu dhabanee rassa'atti maxxananee bulan.
JOB 24:9 Worri hamaan daa'ima abbaa hin qanne harma irraa butanee garboonfatan; daa'ima hiyyeessaa qaddii godhatan.
JOB 24:10 Hiyyeeyyiin woyaa malee qullaa ifii deeman; isaan laddee hin ba'atan ammoo hin beelowan.
JOB 24:11 Tarree fichaa worra hamoole'ee oddu'utti zayitii ejersaa hin cunfan; unkuruura woyni'ii irralle'ee daadhii woyni'ii hin cunfan; isaan ammoo hin dheebotan.
JOB 24:12 Qachoota gugurdaa keessaa worri du'u hin aadan; worri madowanelle qarqaaramiisaaf hin iyyan; Waaqi ammoo daadimata isaanii hin caqanne.
JOB 24:13 «Worri ifa jibbu, worri karaa ifaa hin beenne, yookiin daandii ifaa irralle hin turre jiran.
JOB 24:14 Nami nama ijjeesu fuullee bari'iitiin ka'ee, hiyyeeyyi'ii fi worra rakkate hin ijjeesa; halkanille akka hattu'uu hata.
JOB 24:15 Nami gaarayyeeffatu lafa dhiitu eegata; eennulle akka isa hin dhaggineef fuula ifii hin hagooggata.
JOB 24:16 Hattuun halkan qottee seenti; guyyaa ammoo dhokaata oolti; ifaan waan tokkolle godhuu hin barbaaddu.
JOB 24:17 Dukkanaan bararassiisi waan isaan gammachiittuuf, dukkanti dimmi isaaniif ganama.
JOB 24:18 «Worri hamaan akka hoomacha bisaan irraa, yennaa diqqoo qofaaf mudhatan. Qoodi lafa isaanii ta abaarante waan teeteef, namuu gara fichaa woynii isaanii hin dhaqu.
JOB 24:19 O'ii fi caami dhakaa bokkeyaa ka baqe akkuma balleessu qileen awwaala jalaalle cubbaaleyyii akkasuma gooti.
JOB 24:20 Haadhotiin isaanii isaan hin deeti; corroxxille isaan hin nyaatti; namuu isaan hin qaabatu; worri hamaan akka mukaa hin caccaba.
JOB 24:21 Isaan dubartii deya hin qanne hin cunqursan; haadha hiyyeessaatiifille waan dansaa hin godhanu.
JOB 24:22 Waaqi ammoo hunna ifiitiin worra hunnaameyyii hin balleessa. Le'iin isaanii ta tolte fakkaatulle, jiruu addachiittu hin qabanu.
JOB 24:23 Waaqi akka isaan nageyaan le'anu lakkisulle, karaa isaan deemanu hubatee hin ilaala.
JOB 24:24 Worri hamaan yennaa diqqo'oof hin jajaman; achiin duuba ammoo akkuma daraara'aa qooranee hin badan; akka midhaaniille hin haamaman.
JOB 24:25 «Yoo akkas hin te'in ani dharaamessa akka te'ee fi wonni ani dubbadhe sirrii akka hin te'in ka mirkaneessu eennu ree?» jedhe.
JOB 25:1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,
JOB 25:2 «Mootumma'aa fi sodaatamuun ta Waaqaa ti; inni ol-gubbaa oliititti nageya hin buusa.
JOB 25:3 Laakkowamuu dandeettii ree? Ifi isaa eennu irratti ifuu dhaba ree?
JOB 25:4 Nami attam Waaqa duratti balchaa te'uu dande'a ree? Nami nama te'ee dhalate attam qulqulluu te'uu dande'a ree?
JOB 25:5 Kunoo, ji'inuu isa duratti akka dansaa hin ifu; urjootille isa duratti qulqullu'uu moti.
JOB 25:6 Ilmi namaa ka akka raammo'oo fa'a, attam attam caalaa diqqaata ree!» jedhe.
JOB 26:1 Achiin duuba Iyoob deebisee,
JOB 26:2 «Ati nama hunna hin qanne attam attam qarqaarte! Nama dadhabaalle attam attam jabeessite!
JOB 26:3 Ati nama qaroo hin te'in attam attam gorsite! Beekkumsalle attam attam kenniteef!
JOB 26:4 Tana akka dubbattu ka si qarqaare eennu? Ayyaana eennuutitti afaan keeti keessaa dubbate?
JOB 26:5 «Ekeraan abbaaya'aan jalatti rorommiisatti jirti.
JOB 26:6 Addeen worri du'e jiru Waaqa duratti guutumatti mudhatti; wonni takkaalle isii hin gollitu.
JOB 26:7 Waaqi gubbaa gara kaabaa addee duwwaa irratti diriirse; lafaalle womaa adoo jala hin jiraatin rarraase.
JOB 26:8 Waaqi duumensa keessatti bisaan kipha; duumensille ulfaatiisa bisaaniitiin hin tarsa'u.
JOB 26:9 Inni barcumaa mootummaa ifii duumensa ifii diriirsee hin golla.
JOB 26:10 Waaqi ifaa fi dukkana gargar baasiisaaf, bisaan irratti naannessee meessaa godheera.
JOB 26:11 Yennaa inni xixu utubooti ol-gubba'aa soda'aan hin raafaman.
JOB 26:12 Inni hunna ifiitiin abbaayaa hin sarmisiisa, qarummaa ifiitiin bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu hin kukkuta.
JOB 26:13 Inni hafuura ifiitiin ol-gubbaa qulqulleessee, harka ifiitille'een jawwee lowiisatti jirtu woraane.
JOB 26:14 Kun duudiin waan Waaqi huju keessaa diqqo'o; nuuti hasaassaa isaa qofa dhageenna; mandiisuu hunna isaa eentu hubatuu dande'a ree?» jedhe.
JOB 27:1 Ammalle Iyoob dabalee,
JOB 27:2 «Dhugaa Waaqa jiraataa waan mara dande'uu ka haqa kiyya na dhooggatee, jiruu tiyya natti hadheessee,
JOB 27:3 haga lubbu'uun jiru hafuurri Waaqi na keessa keye haga na keessa jiru,
JOB 27:4 hantuun afaan kiyya keessaa hin baatu; arrabi kiyyalle soba hin dubbatu.
JOB 27:5 Ani ijjumaa isiniin sirri'i hin jedhu; haga du'a tiyyaatitti yakkaa malee le'uu irraa hin goru.
JOB 27:6 Balchummaa tiyyatti hin jabaadha'a; gad hin lakkisulle'e; bara le'ii tiyyaa wodanaan kiyya waan kanatti hin gaabbu.
JOB 27:7 «Diinni kiyya akka worra hama'aa, worri na mormu akka worra balchaa hin te'inii te'uu ti.
JOB 27:8 Yennaa Waaqi isaan balleessu yennaa inni lubbuu isaan keessaa baasu addiin worra Waaqa malee le'uu maan te'itti laati?
JOB 27:9 Yennaa rakkinni isaanitti dhufu Waaqi iyya isaanii hin dhage'aa ree?
JOB 27:10 Isaan Waaqa waan mara dande'utti hin gammadanii ree? Yennaa mara Waaqa hin waammatanii ree?
JOB 27:11 «Ani marroo hunna Waaqaa isin barsiisa; karoora Waaqa waan mara dande'uulle ani isin hin dhossu.
JOB 27:12 Isin martinuu tana dhaggitaneertan; eegasuu waan bu'aa hin qanne maaf dubbattan ree?
JOB 27:13 Qoodi nami hamaan Waaqa irraa dhaggatu, dhaalli nami nama cunqursu Waaqa waan mara dande'u irraa fudhatu, ka asii gad jiru:
JOB 27:14 Ijoolleen isaa yoo heddattelle shallaaga'aan dhumatti; sanyiin isaalle sagalee quuttee nyaattu hin qabaattu.
JOB 27:15 Worri baraareen hafe dhukkubaan dhumata; haadhotiin hiyyeessaa isaaniille isaaniif hin boottu.
JOB 27:16 Worri hamaan meetii akka biyye'ee tuulee, woyaalle akkuma faara biyye'ee wol irra naquu dande'a fa'a.
JOB 27:17 Waan isaan tuulatane san ammoo, worra balcha'attuu uffata; worri yakkaa hin qannelle meetii hin qoqoodaman.
JOB 27:18 Manni isaan ijaaranu akka mana saaphuphu'uutii fi akka gosee nama midhaan eeguu ti.
JOB 27:19 Worri hamaan dureessa te'ee hin rafa, ammoo itti hin deebi'anu; yennaa isaan dammaqanu, karri isaanii marti baddeerti.
JOB 27:20 Bararaqi akka lola'aa isaan irra yaa'a; halkan hobonbolattiin isaan fudhattee deenti.
JOB 27:21 Qilleensi gara aduun baatuu isaan fuudhee deema; isaanille hin dhaggamanu; addee isaanii irraa haxowee isaan balleessa.
JOB 27:22 Isaan hunna qilleensa sanii jalaa bayiisaaf wodhaananulle, marartii malee bira itti dabara.
JOB 27:23 Qilleensi isaan irratti harka dhowee addee jiru irralle'ee isaanitti siissa.
JOB 28:1 «Dhuguma boolli meetii keessaa qotanee baasanu, addeen worqii itti baqsiisanu jirti.
JOB 28:2 Sibiilli lafa keessaa dhaggama; sibiilli diimaalle biyyee albuudaa keessaa baqisiifamee dhaggama.
JOB 28:3 Namooti qilee lafaa keessa seenanee dukkana dimmaa keessa lixanee biyyee albuudaa barbaadan.
JOB 28:4 Isaan lafa nami le'u irraa fagaatanee, addee miilli namaa ijjattee hin beenne geyan. Achitti boolla qilee qotanee wodaroo irratti rarra'aa nama irraa fagaatanee qofuu ifii hujan.
JOB 28:5 Latti midhaan sagalee te'u baattu, keessi isi'ii ammoo ibiddaan baqee garagaggala.
JOB 28:6 Rassaa isi'ii keessaa dhakaan gatii guddo'oo ka ‹Safiiros› jedhamu dhaggama; biyyee isi'ii keessalle'ee worqiin hin dhagganti.
JOB 28:7 Karaa gara albuudaa geessu san risaan hin beeku; ilti jajju'uulle hin dhaggine.
JOB 28:8 Bineensi hamaan addee san hin ijjanne; neenqille karaa san hin dabarre.
JOB 28:9 Harki nama albuuda qotuu rassaa jabaa hin caccassa; gaarotalle hundee irraa garaggaggalcha.
JOB 28:10 Isaan rassaa dhoosanee karaa hin baasan; ilti isaaniille waan gatii guddo'oo hin dhaggiti.
JOB 28:11 Madda lagaa hin kiphan; waan lafa keessatti dhokatelle ifatti hin baasan.
JOB 28:12 «Ammoo qarummaan eessatti dhagganti? Addeen hubanti'ii eessa jirti?
JOB 28:13 Qarummaan lafa nami le'u keessatti hin dhaggantu; namille gatii isi'ii hin beeku.
JOB 28:14 Qileen abbaaya'aa, ‹Qarummaan na keessa hin jirtu› jetti; abbaayaalle, ‹Qarummaan na bira hin jirtu› jetti.
JOB 28:15 Qarummaan worqii qullu'uun hin bitantu; gatiin isi'iille meeti'iin hin madaalantu.
JOB 28:16 Gatiin isi'ii worqii gatii guddo'ootiin, dhakaa ‹Sardoniikis› jedhamuun yookiin dhakaa, ‹Safiiros› jedhamuun wol hin qixxawu.
JOB 28:17 Worqi'ii fi daaw'itiille'een wol hin qixxoottu. Dooqa worqii qullu'uulle'een hin jijjiirantu.
JOB 28:18 Gatiin qarumma'aa dooqa gatii guddo'ootii fi dhakaa gatii gudda'ootiin wol hin qixxoottu; elellaan diintuulle caalti.
JOB 28:19 Qarummaan dhakaa gatii guddo'oo ka Itoophiya'aa, ka ‹Xophaaziyon› jedhamuun wol hin qixxoottu; worqii qulluu gatii guddo'oolle'een wol hin qixxoottu.
JOB 28:20 «Eegasuu qarummaan eessaa dhutti ree? Addeen hubantiin jirtu eessa ree?
JOB 28:21 Isiin ila dada maraa duraa dhokatteerti; sinbirrootaayyuu dhokatteerti.
JOB 28:22 Badi'ii fi duuti, ‹Nuuti oduu isi'ii qofa gurra keennaan dhageenne› jedhan.
JOB 28:23 Waaqi karaa gara qarumma'aa geessu hin hubata; addee isiin jirtulle isa qofattuu beeka.
JOB 28:24 Inni qaccee lafaa duudii waan dhagguuf, waan ol-gubba'aan jala jiru mara dhagga.
JOB 28:25 Waaqi yennaa qilleensaaf hunna kenne, haga bisaaniille yennaa mike,
JOB 28:26 Bokkeyaaf seera, balaqqeetti'iifille karaa yennaa baase,
JOB 28:27 achiin duuba qarummaa ilaalee, gatii isi'ii murteesse; inni isii qorqoree jabeessee isii dhaabe.
JOB 28:28 Achiin duuba inni namaan, ‹Kunoo, Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a; waan hantuu irraa goriisille hubanti'i› jedhe» jedhe.
JOB 29:1 Iyoob ammalle dubbatee,
JOB 29:2 «Le'iin tiyya ta ammaa ta akka yennaa Waaqi dur na eegee adoo teete ani attam fedhaayyu!
JOB 29:3 Yennaa ifi isaa mataa kiyya irratti ife, dukkana keessa ani ifa isaatiin ideeme.
JOB 29:4 Yennaa bara qananummaa tiyyaa yennaa eeddoon Waaqaa dunkaana tiyya irra jirtu,
JOB 29:5 yennaa Waaqi waan mara dande'u na woliin jiru, yennaa ijoolleen tiyya na marsiteertu,
JOB 29:6 yennaa ani aananiin miila kiyya dhiqadhe, yennaa rassaan zayitii ejersaa naaf madde,
JOB 29:7 yennaa ani gara seensuma karra qacha'aa dhaqe, yennaa ani addee wolgeyi'ii san tee'e,
JOB 29:8 dargaggooti na dhagganee karaa irraa gorane; jaarsoleelle kaatee dhaabbatte.
JOB 29:9 Sooreyyiin kolba'aalle dubbatuu lakkittee, afaan qabatte.
JOB 29:10 Qoonqoon qondaaltotaa cadhittee, arrabi isaaniille laagadaa isaaniititti maxxane.
JOB 29:11 Ka na dhage'e duudiin na jaje; ka na dhaggelle duudiin na galateeffate.
JOB 29:12 Sababille ani worra hiyyeeyyii iyyu, rakkoo jalaa baasee, ijoollee abba'aa fi haadha hin qannelle qarqaareera.
JOB 29:13 Worri du'iisaaf dhikaate na eebbiseera; qarqaarsi ani godhe, gadhaa haadhotii hiyyeessaa gammachiiseera.
JOB 29:14 Ani balchummaa akka woya'aa uffadhe; muraa dhuga'aalle akka geella'aa uffadhee, akka marata mata'aalle maradhe.
JOB 29:15 Ani worra balla'aaf ila, worra naafafille miila te'eeraayyu.
JOB 29:16 Ani hiyyeeyyi'iif akka abba'aa te'ee, alaga'aafille wobii te'eeraayyu.
JOB 29:17 Ani a'oo nama hama'aa cassee, waan inni butatelle afaan isaa irraa buuseera.
JOB 29:18 «Achiin duuba ani, ‹Barri kiyya akka maansaa bacatee, manuma kiyya keessatti hin du'a.
JOB 29:19 Ani akka muka hidda gara bisaanii yaafatee, halkan guutuulle fixeensi damee isaa irra jiruu ti.
JOB 29:20 Ulfinni kiyya yennaa mara haareya te'ee hin jiraata; Hunni tiyyalle yennaa mara guubee haareya› jedhe.
JOB 29:21 «Namooti miidhassanee na caqasane; gorsa kiyyalle dhage'iisaaf cadhisane.
JOB 29:22 Ani dubbadheen duuba, isaan deebi'anee hin dubbanne; dubbiin tiyya gurra isaaniititti coxxe.
JOB 29:23 Isaan akka nama bokkeya eegatuu na eegatane; akka nama bokkeya furmaataa eegatuu afaan ifii bananee dubbii tiyya eegatan.
JOB 29:24 Yennaa isaan ifi addii dhabane ani isaanitti seeqadhe; ifi fuula kiyyaalle isaan jajjabeesse.
JOB 29:25 Ani karaa isaaniif filee bulchaa isaaniif te'e. Akka mooticha loltoota ifii odduu le'uu, odduu isaanii le'e. Akka nama worra gadde jajjabeessuu, isaan jajjabeesse.
JOB 30:1 «Amma ammoo worri gannaan anaa gadii natti murga; ani abbootii isaanii saree tika hoolee tiyyaa eeddu woliinuu akka hin teenneef ta tuffadheeru.
JOB 30:2 Hunni isaanii waan dhumatteertuuf maan naa bayan?
JOB 30:3 Dhabaa fi beela irraa ta kaate goomolee nami keessa hin leene lafa godduu keessa halkaniin daaqane.
JOB 30:4 Isaan baala goomole'ee ka kuraawu guuratane; hidda muka hadhowuulle nyaatane.
JOB 30:5 Isaan kolbaa keessaa ari'amane; akkuma hattu'utti iyyanu namooti isaanitti iyyane.
JOB 30:6 Goda bowwaa keessaa rassaa oddu'uu fi boolla lafa jalaa keessa le'iis dirqama itti teete.
JOB 30:7 Isaan odduu tuse'eetii akka harre'ee baroodane; badda jalalle'etti wolitti qabamane.
JOB 30:8 Isaan worra bu'aa hin qanne, ka maqaa badee lafa irraa ari'ame.
JOB 30:9 «Isaan sirbaan natti murgan; odduu isaaniitille'etti ka mammaassaa te'eera.
JOB 30:10 Isaan na jibbanee na irraa fagaatan; itti qaanii malee fuula kiyyatti tufan.
JOB 30:11 Waaqi hunna tiyya laaffisee waan gad na qabeef, akka farda bixaalli irraa bu'ee waan fedhane na godhane.
JOB 30:12 Gara midda kiyyaatiin worri nama jeequ ka'e; isaan miila kiyyaaf tiyyoo afanee badii naaf qopheessane.
JOB 30:13 Isaan karaa natti cufanee na balleessiisa barbaadan; nami na qarqaarulle hin jiru.
JOB 30:14 Isaan akka lola'aa dalleya kiyya uranee seenane; waan mara caccassaa natti dhufane.
JOB 30:15 Ani guddoo sodaadheera; ulfinni kiyya akka waan qilleensi fudhateetitti na irraa haxowameera; fayyinni kiyya akka duumensaa dabareera.
JOB 30:16 «Amma lubbuun tiyya na keessaa bayaarti; guyyooti farraalle na qabataneeran.
JOB 30:17 Halkan lafeen tiyya na bocci; dhukkubiin na boccu foora naa hin kennitu.
JOB 30:18 Waaqi hunna ifii guddo'oon woyaa tiyya shuntuurachiiseera; akka woyaa morma dhipho'oo na hudheera.
JOB 30:19 Waaqi dhoqqee keessatti na gate; anille akka buku'uutii fi daadha'a te'e.
JOB 30:20 «Ee Waaqa, ani si waammadhe, ati ammoo naaf hin deebinne. Ani dhaabbadhee gara keeti daadimadhe; ati ammoo cadhittee na ilaalte.
JOB 30:21 Ati gadhaa natti jabaattee hunna teeti guddo'oon na miite.
JOB 30:22 Ati ol na fuutee qilleensa irra teessitte; bubbee keessa asii fi achi na hafarsite.
JOB 30:23 Gara du'aa addee worri jiru duudiin du'ee itti galutti akka ati na geessitu ani hin beeka.
JOB 30:24 «Ani akka mana jigee ti; eentu deebisee na ijaara ree? Adoo ani ijjumaa jigee hin badin Waaqi deebisee na hin ijaaruu ree?
JOB 30:25 Ani worra rakkateef hin boonnee ree? Worra hiyyeeyyi'iifille hin gaddinee ree?
JOB 30:26 Yennaa ani waan dansaa barbaadu wonni hantuun natti dhutte. Yennaa ani ifa eegadhulle dukkanti natti dhutte.
JOB 30:27 Keessi kiyya raafamee nageya dhabe; guyyuma guyya'aan rakkadhe.
JOB 30:28 Nafi adu'uun adoo hin te'in gaddaan gurraachowee deema; yaa'ii keessatti dhaabbadhee qarqaarsaaf iyya.
JOB 30:29 Ani namaan adda bayee jeedalaaf obboleessa guchi'iif jaala te'eera.
JOB 30:30 Gogaan nafa kiyyaa gurraachowee solloqqoye; lafeen tiyyalle o'aan gubatte.
JOB 30:31 Kiraarri kiyya guddichi bowaaf suusulleen tiyyalle worwaanataaf teete.
JOB 31:1 «Ani ila halcha'aatiin gara durraa akka hin ilaalle ila tiyya woliin gondooroo gondooradheera.
JOB 31:2 Gubbaa irraa Waaqa biraa qoodi namaa maan? Ka waan mara dande'u ka addee oli aantuu jiru biraa dhaalli namaa maan?
JOB 31:3 Balaan worra hama'aaf badiin worra dokonkora hujuufii motii ree?
JOB 31:4 Waaqi karaa kiyya hin dhagguu ree? Tarkaaffii tiyya duudiille hin laakkowuu ree?
JOB 31:5 «Sobaan yoo deemee jiraadhe miilli kiyya sobiisaaf yoo ariifatee jiraate,
JOB 31:6 akka ani komii hin qanne akka beeku Waaqi kiiloo sirri'iitiin na madaaluu ti.
JOB 31:7 Faanti tiyya karaa irraa yoo gortee jiraatte gadhaan kiyya waan ilti tiyya dhaggitee yoo hordofee jiraate harki kiyyalle cubbu'uun yoo battowee jiraate,
JOB 31:8 waan ani facaase nami dhibiin nyaatuu ti; midhaan kiyya duudiille buqqa'ee baduu ti.
JOB 31:9 «Gadhaan kiyya dubarti'iin sossobamee, balbala ollaa kiyyaa duratti riphee haadha manaa isaa eegadhee yoo jiraadhe,
JOB 31:10 haati manaa tiyya nama dhibi'iif midhaan daattuu ti; nami dhibiille isii woliin rafuu ti.
JOB 31:11 Wonni kun yakkaa guddoo seera duratti adabbii namatti fiddu.
JOB 31:12 Cubbuun tun akka ibiddaa guddee balleessiti; ani adoo tana godhee jiraadhe karra tiyya mara hin balleessitiiyyu.
JOB 31:13 «Tajaajiltooti tiyya ta dhiiraatii fi ta durraa natti iyyatanuun, iyyata isaanii dhage'iisa yoo dhabee jiraadhe,
JOB 31:14 yennaa Waaqi mura'aaf ka'u ani maan godhu'uu jira ree? Yennaa inni na gaafatu ani maan deebisu'uu jira ree?
JOB 31:15 Gadaamessa haadha tiyyaa keessatti na dadee, tajaajiltoota tiyyalle ka dade isaa motii ree? Nu mara gadaamessa keessatti ka dade isumaa motii ree?
JOB 31:16 «Waan Hiyyeeyyiin halchite ijjumaa dhooggadhee hin beeku; haadhotii hiyyeessaalle jajjabeessiisa hin lakkinne.
JOB 31:17 Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne beelottuun sagalee tiyya qofi hin nyaanne.
JOB 31:18 Ammoo dargaggummaa tiyyaa jalqabee akka abba'aa isaaniif te'eera; bara jiruu tiyyaa mara haadhotii hiyyeessaa qarqaareera.
JOB 31:19 Nama daare tokko yookiin hiyyeessa qullaa jiru tokko dhaggee,
JOB 31:20 woyaa rifeensa hoolee tiyyaa irraa hujante, itti uffiseeruun o'ifatee yennaan inni na hin eebbisin hin jirtu.
JOB 31:21 Kora mura'aa duratti fudhatama dhaggatiisa kiyya beekee ijoollee hadhaa fi abbaa hin qanne yoo miidhee jiraadhe,
JOB 31:22 harki kiyya gurmuu tiyya irra buqqa'u; mitikaan harka kiyyaalle caccabu.
JOB 31:23 Badii Waaqi na irratti fidu waan sodaadheef, sodaachisuu arnya isaa irraa ta kaate waan akkasii godhuu hin dandeenne.
JOB 31:24 «Ani worqi'itti addii godhadhee hin beeku; yookiin worqii qulluulle'etti hin addanne.
JOB 31:25 Karri tiyya guddoo waan teeteef, yookiin durummaan tiyya waan bacatteef gammadee yoo jiraadhe,
JOB 31:26 ifa adu'uu, yookiin ji'a ulfinnaan deemu ilaalee yoo jiraadhe,
JOB 31:27 gadhaan kiyya dhossa'aan sobamee, ifa adu'uutii fi dansummaa ji'aatiif harka kiyya sunqatiisaan isaan waaqonfadhee yoo jiraadhe,
JOB 31:28 ani Waaqa ol-aana'aaf addatamuu waan dhabeef, tun cubbuu du'a namatti mursiittu.
JOB 31:29 «Ani badii worra na jibbuutitti hin ilillinne; hantuun yennaa isaan dhaqqaddelle ani hin gammanne.
JOB 31:30 Jiruun diina kiyyaa akka baddu abaaree, afaan kiyya cubbuu akka dubbatu hin goone.
JOB 31:31 Nami mana kiyyaa ‹Sagalee isaa nyaatee ka hin quufin eentu jira?› jedhan.
JOB 31:32 Ani worra karaa deemuuf balbala tiyya waan baneef keessummaan karaa keessa hin bulle.
JOB 31:33 Ani yakkaa tiyya gadhaa kiyya keessatti dhoffadhee, akka worra dhibi'ii cubbuu tiyya hin gollanne.
JOB 31:34 Kolbaa bindillaa sodaatiisaan tuffiin maati'ii na bararassitee mana keessaa adoo hin bayin cadhisee mana keessa hin teenne.
JOB 31:35 «Maalo'o, nama naa dhage'u adoo qabaadhe! Akka dhugaa dubbadhe mudhisiisaaf mallattoon tiyya kunoo ti. Waaqi waan mara dande'u naaf deebisuu ti; Ka na himatu himata ifii tarre'een barreeffatee adoo hin dhikeeffatuu!
JOB 31:36 Silaa ani dhugumaan himata san gurmuu tiyya irratti hin kaafadhaayyu; akka kallachaalle mataa kiyya irratti hin keyadhaayyu.
JOB 31:37 Ani laakkossa tarkaaffii tiyyaa duudii isatti hima; akka sooressa guddaa tokkoolle isatti dhikaadha.
JOB 31:38 «Worra lafa qabu cunqursee lafa isaaniille hunnaan fudhadhee qotee yoo jiraadhe,
JOB 31:39 midhaan isaanii kaffaltii malee nyaadhee, akka isaan du'anu godhee yoo jiraadhe,
JOB 31:40 lafa san irratti addee qamadi'ii qoreen addee garbu'uu jigidaan ajowu latuu ti» jedhe. Dubbiin Iyoobii as irratti dhumatte.
JOB 32:1 Iyoob, «Ani nama balcha'a» waan ifiin jedheef, jarri tun sadiin deebii isaaf deebisuu lakkisane.
JOB 32:2 Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa ka maatii Raamii te'e, sababa Iyoob Waaqa caalaa ifi balchoonseef guddoo aare.
JOB 32:3 Jaaloti Iyoobii sadiin deebii quussitu Iyoobiif waan hin deebisiiniif, deebiin isaanii tun akka Waaqi dokonkora hujeeru waan gooteef, Eliihuun isaan irralle'etti aare.
JOB 32:4 Isaan duudiin angafoota isaa waan te'aneef, haga isaan dubbatanee fixatanutti, Eliihuun Iyoobitti dubbatiisaaf eegateeyyu.
JOB 32:5 Afaan jara sadiinii tana keessa deebiin akka hin jirre yennaa dhagge, Eliihuun aare.
JOB 32:6 Maarre Eliihuun ilmi Baaraakelii Buzichaa deebisee, «Ani ijoolle'e; isin nama gugurda'a; tanaaf sodaadhee waan beeku himiisaaf isinitti hin gamne.
JOB 32:7 Ani, ‹Nami gugurdaan qara dubbatuu ti; qarummaa bara heddu'utti dhaggatane barsiisanuu ti› jedhe.
JOB 32:8 Ammoo ka nama keessa bulee hubantii namaaf kennu ayyaana Waaqa waan mara dande'uu ti.
JOB 32:9 Qarummaan guddatane'eefii moti; waan sirrii te'e hubatiisille dulloomane'eefii moti.
JOB 32:10 «Tanaaf na caqasa'a; anille waan beeku isinitti hima.
JOB 32:11 Kunoo, ani haga isin dubbatanee fixxanu eegadhe; jechoota filataa yennaa dubbattanu miidhassee caqase.
JOB 32:12 Ani akka dansaa isin caqase; ammoo isin keessaa nami tokkolle balleessaa Iyoobii mirkaneessee dubbii isaatiif deebii ka kenne hin jiru.
JOB 32:13 Isin, ‹Nuuti qarummaa dhagganneerra; ka Iyoobiif deebii kennu Waaqa malee namaa moti› hin jedhina'a.
JOB 32:14 Iyoob isin morme malee na hin mormine; anille moromaa akka keessaniitiin isaaf hin deebisu.
JOB 32:15 «Isaan rifatanee waan deebisanu dhabanee dubbiin isaan duraa badde.
JOB 32:16 Kunoo, sababa isaan hin dubbanneef, waan isaan deebii deebisanu dhabanee dhaabbataneef ani isaan eeguu qabaa ree?
JOB 32:17 Anille deebii tiyya hin deebisa; waan beekulle hin mudhisa.
JOB 32:18 Ani waan dubbadhu hedduu waan qabuuf, cadhisuu hin dande'u.
JOB 32:19 Keessi kiyya daadhii woyni'ii ta cuqqaalantee, akka qalqalluu daadhii woyni'ii haareyaa ka dho'iisa geyee ti.
JOB 32:20 Akka furadhuuf dubbatuu qaba; afaan kiyya banadhee deebii kennuu qaba.
JOB 32:21 Ani nama tokkoofille hin rogu; nama tokkolle hin kukuulu.
JOB 32:22 Ani nama kukuuliisa waan hin beenneef, silaa ka na dade dafee na balleessaayyu.
JOB 33:1 «Iyoob, ammalle waan jedhu dhage'i; dubbii tiyya duudiille caqasi.
JOB 33:2 Ani afaan kiyya saaqadhee, arrabi kiyya dubbatiisaaf qophoweera.
JOB 33:3 Dubbiin tiyya qajeelummaa gadhaa kiyyaa irraa dhutti; arrabi kiyyalle dhugaa dubbata.
JOB 33:4 Ayyaanni Waaqaa na dade; hafuurri Waaqa waan mara dande'uu jiruu naa kenne.
JOB 33:5 Yoo dandeette deebii naa kenni; waan dubbattu qopheeffadhuutii na dura dhaabbadhu.
JOB 33:6 Kunoo, ani Waaqa duratti akkuma keeti; nuuti lamaanuu faara irraa dadanne.
JOB 33:7 Na sodaatiis si hin bararassin; harki kiyyalle si hin cunqursu.
JOB 33:8 «Dhuguma ani si dhage'aaruun dubbatteerta; jecha afaan keeti keessaa bayelle dhage'eera.
JOB 33:9 Ati yennaa dubbattu, ‹Ani qulqullu'u, cubbuulle hin qabu; ani qullu'u, yakkaalle hin qabu.
JOB 33:10 Waaqi na adabiisaaf sababa na irratti barbaada; akka diina ifiille na laakkowa.
JOB 33:11 Inni miila kiyya jirma odduu galchee, tarkaaffii tiyya duudii eega› jetta.
JOB 33:12 «Waaqi nama duudii waan caaluuf, ani ammoo tana irratti akka ati sirrii hin te'in sitti hima.
JOB 33:13 Ati, ‹Waaqi iyyata namaa hin dhage'u› jettee, maaf isa aalatta?
JOB 33:14 Nami hin hubatu malee, Waaqi karaa adda addaatiin dubbata.
JOB 33:15 Namooti taqee ifii irra rafaneeranuun, hirriibi hamaan isaan yennaa qabu Waaqi oojju'uun, mudhii halkaniitiin dubbata.
JOB 33:16 Yennaa san inni gurra isaaniititti hin dubbata; ifi eeggachiisiisalle'een isaan bararassa.
JOB 33:17 Akka kanaan hujii hantuu irraa isaan deebisa; akka hin koorrelle isaan eega.
JOB 33:18 Lubbuu isaanii boolla irraa, jiruu isaaniille badii shallaaga'aa irraa hin hambura.
JOB 33:19 Yookiin akka nami taqee ifii gubba'atti dhukkubaan, dhukkuba hamaa ka yennaa mara lafee isaa bocuun akka adabamu hin godha.
JOB 33:20 Maarre jiruun isaa waan nyaataa, gadhaan isaalle sagalee guddoo dansa'aayyuu hin diqata.
JOB 33:21 Foon isaa dhumatee, lafeen isaa ta dur hin mudhanne yaatee mudhatti.
JOB 33:22 Lubbuun isaa gara boollaatitti jiruun isaa gara ergantoota du'aa dhikaatteerti.
JOB 33:23 «Karaa sirri'ii ka namaaf mudhisanu, ergantoota Waaqaa kuma keessaa tokkochi gara isaa dhufee isa hin qarqaara fa'a te'a.
JOB 33:24 Ergamaan Waaqaalle isaaf mararee, ‹Ani wodoo isaaf dhaggeera; akka inni gara boollaa gad hin buune godhi› jedhee du'a ajaja.
JOB 33:25 Achiin duuba nafi isaa deebi'ee akka nafa ijoolle'ee haareffama; akka yennaa dargaggumma'aalle te'a.
JOB 33:26 Inni Waaqa daadimata; daadimata isaalle Waaqi hin dhage'a. Inni fuula Waaqaa dhaggee hin ilillisa; Waaqille gara addee balchummaa isaatitti isa hin deebisa.
JOB 33:27 Innille namoota duratti faarfataa, ‹Ani cubbuu hujeera; waan sirrii te'e daddasseera; Waaqi ammoo yakkaa tiyya natti hin laakkonne.
JOB 33:28 Inni lubbuun tiyya gara boolla awwaalaa akka hin buune wodeera; jiruun tiyyalle ifa hin dhaggiti› jedha.
JOB 33:29 «Kunoo, Waaqi deddeebisee tana mara namaaf hin godha.
JOB 33:30 Inni ifa jiru'uu akka dhagguuf lubbuu namaa deebisee boolla keessaa hin baasa.
JOB 33:31 «Iyoob, waan ani sitti himu akka dansaa caqasi; ani hin dubbadha, ati cadhis.
JOB 33:32 Waan jettu yoo qabaatte naa deebis, ani waan bilisa si baasuuf dubbadhu.
JOB 33:33 Yoo waan jettu hin qabaatin, cadhisii na caqasi; anille qarummaa si barsiisa» jedhe.
JOB 34:1 Eliihuun ammalle dubbatee,
JOB 34:2 «Isin namoota qaro'o, dubbii tiyya dhage'a'a; isin worri beekkoleen na caqasa'a.
JOB 34:3 Akkuma arrabi mi'aa sagale'ee beeku gurrille mi'aa dubbi'ii beeka.
JOB 34:4 Kowa'a waan sirrii te'e filanna; waan dansaalle woliin baranna.
JOB 34:5 «Iyoob ifiin, ‹Ani yakkaa hin qabu; Waaqi ammoo haqa na dhooggate.
JOB 34:6 Ani adoo dhugaa irra jiruu akka dharaamessaa laakkowame; adoo yakkaa hin qabaatin madaa hin fayyineen farriisatti jira› jedheera.
JOB 34:7 Nama attamiititti akka Iyoobii murgoo akka bisaanii una ree?
JOB 34:8 Inni worra hantuu godhu woliin jaaloma; worra hamaaleyyii wolille'een oola.
JOB 34:9 Inni, ‹Waaqa gammachiisuun womaa namaaf hin baatu› jedha.
JOB 34:10 «Tanaaf isin worri hubattanu na caqasa'a! Hantuu godhiis Waaqa irraa dokonkora hujiisille Waaqa waan mara dande'u irraa fagaatuu ti.
JOB 34:11 Waaqi akka hujii namaatitti namaaf hin kaffala; akkuma ideensa isaatitti akka inni dhaggatu hin godha.
JOB 34:12 Waaqi waan mara dande'u hantuu hin huju; inni haqa hin dassu.
JOB 34:13 Lafa irratti eentu ajajaa isa godhe? Biyya lafaa duudii irratti eentu itti gaafatamaa isa godhe?
JOB 34:14 Waaqi ayyaana ifii deebisee yoo fudhate, hafuura ifiille gara ifii yoo deebifate,
JOB 34:15 sanyiin namaa duudiin adduma tokko baddee gara biyye'ee deebiti.
JOB 34:16 «Nama hubatu yoo teete tana dhage'i; waan ani jedhulle caqasi.
JOB 34:17 Nami haqa jibbu bulchuu dande'aa ree? Ati Waaqa! Balchichaa fi hunnaamessatti yakkaa itti murtaa ree?
JOB 34:18 Mootichaan, ‹Ati woy hin baatu›, qondaaltotaan, ‹Isin worra hamaaleyyi'ii› ka jedhu eennu?
JOB 34:19 Isaan duudiin hujii harka isaa waan te'aneef, inni qondaaltotaaf hin rogu; dureessa hiyyeessa irra caalchisee hin ilaalu.
JOB 34:20 Namooti halkan wodhakkaa dedhuma du'uu dande'an; kolbaan raafantee dhumatti; worri hunnaameyyiin harki namaalle adoo isaan hin tuqin hin badan.
JOB 34:21 «Ilti Waaqaa ideensa namaa ilaalti; inni tarkaaffii nama tokko tokkoolle hin dhagga.
JOB 34:22 Dimimmis yookiin dukkanti dimmi addeen worri hantuu huju itti dhokatu hin jirtu.
JOB 34:23 Waaqi fuula isaa duratti mura'aaf akka dhikaatanu beellama hin qabatu.
JOB 34:24 Inni qorqortii malee hunnaameyyii baallii irraa kaasee, worra dhibii addee isaanii buusa.
JOB 34:25 Inni hujii isaanii mara waan beekuuf, halkan tokkotti baallii irraa isaan kaasee balleessa.
JOB 34:26 Inni addee nami duudiin dhaggutti hammeenna isaaniitiif isaan adaba.
JOB 34:27 Sababa isaan isa hordofuu lakkisanee, isaaf ajajamuu dhabaneef inni tana godhe.
JOB 34:28 Iyyi worra hiyyeeyyi'ii gara Waaqaa akka dhaxxu godhaneeran; Waaqille iyya isaanii dhage'eera.
JOB 34:29 Yoo inni cadhise ammoo eentu isatti mura; yoo inni fuula ifii dhoffate eentu isa dhagguu dande'a ree? Inni nama irratti, gosa biyya adda addaa irralle'etti,
JOB 34:30 worra kolbaa gowwisiisanu keessaa nama Waaqa malee jiraatu tokko mootii yoo godhe eentu isa dhoogga ree?.
JOB 34:31 «Nami tokko Waaqaan, ‹Ani yakkaamessa; ammoo deebi'ee hin yakku.
JOB 34:32 Waan ani hin dhaggine ati na barsiisi; yoo yakkee jiraadhe deebi'ee hin yakku› jedhe jiraa ree?.
JOB 34:33 Ati cubbuu irraa deebi'iisa didataartuun Waaqi akka yaada keetii deebisaa ree? San sittuu filata malee anaa moti; tanaaf waan beettu natti himi.
JOB 34:34 «Worri hubatuu, worri qaroon na dhage'ulle anaan,
JOB 34:35 ‹Iyoob beekkumsa malee dubbata; dubbiin isaalle ta gatii hin qanne› hin jedhan.
JOB 34:36 Deebiin Iyoobii ta akka worra hamootaa waan teeteef Inni haga dhumaatitti qoramee adoo hin ilaallamuu!
JOB 34:37 Inni cubbuu ifii irratti finqila ede'a; inni odduu teenna tee'ee tuffi'iin harka dhowaa dubbii moromaa ifii Waaqa irratti fakkansa» jedhe.
JOB 35:1 Eliihuun itti dabalee,
JOB 35:2 «Iyoobiin ati, ‹Waaqa duratti ani balcha'a› jechuun keeti sirri'ii?
JOB 35:3 Ati Waaqaan, ‹Ani cubbuu yoo hujuu dhabe ati maan dhaggatta? Ani bu'aa maan dhaggadha ree?› jette.
JOB 35:4 «Amma ani si'ii fi jaalota teetii ta si woliin jirtuuf deebii hin kenna.
JOB 35:5 Ol jedhii gara ol-gubba'aa ilaal! Duumensa si'iin gubba'atti mudhatu hubadhu.
JOB 35:6 Ati cubbuu yoo hujje Waaqa maaniin miita? Balleessaan teeti yoo bacatte maan isa goota?
JOB 35:7 Ati balchaa yoo teete isaaf maan kennita? Yookiin inni harka keeti irraa maan fudhata?
JOB 35:8 Hammeenni keeti nama akka keetii hin miidha; balchummaan teetille ilmaan namaa calla'aaf bu'aa qaddi.
JOB 35:9 «Sababa cunqurfamiisi bacateef kolbaan hin iyyiti; harka hunnaamessaa jalaa bayiisaaf qarqaarsa dhaggatiisaaf iyyatan.
JOB 35:10 Ammoo eennulle, ‹Waaqi na dade, yennaa rakkoo guddo'oo nami akka isa faarfatu ka godhu,
JOB 35:11 ka bineensota lafaa caalaa nu barsiisu, ka sinbirroota caalaa nu qaroonsu eessa jira?› hin jedhu.
JOB 35:12 Isaan hin iyyan; inni ammoo sababa koora worra hantuu godhuutiif deebii isaaniif hin deebisu.
JOB 35:13 Dhugumaan Waaqi iyyata bu'aa hin qanne hin dhage'u; Waaqi waan mara dande'ulle gara iyya isaanii hin midhatu.
JOB 35:14 Iyoob ati, ‹Ani Waaqa hin dhaggu› yennaa jettu, inni attam iyya teeti dhage'a ree? Haajaan keeti isa dura jira, isuma eegadhu.
JOB 35:15 Waaqi aarii ifiitiin ka hin adanne, hammeenna namaalle itti ilaalaa ka taru seetaa?
JOB 35:16 Iyoob ati, dubbii bu'aa hin qanne dubbatta; beekkumsa maleelle dubbii fakkansita» jedhe.
JOB 36:1 Eliihuun ammalle ede'ee Iyoobiin,
JOB 36:2 «Ani ammalle marroo Waaqaatiif waan dubbadhu waan qabuuf, diqqoo naa ossadhu.
JOB 36:3 Ani beekkumsa kiyya fagoo irraa hin fida; Waaqi na dade balchaa akka te'e ani hin mudhisa.
JOB 36:4 Dhugumaan dubbiin tiyya dharaa moti; ani nami si woliin jiru beekkumsa dhidhinna hin qanne akka qabu beeki.
JOB 36:5 «Dhugumaan Waaqi hunnaamessa; Inni eennulle hin tuffatu; hunni hubantii isaa guddoo jaddu'u.
JOB 36:6 Inni worra hamaa jiru'uun hin leesisu; worra cunqurfameef ammoo haqa isaanii hin kenna.
JOB 36:7 Inni ila ifii balchoota irraa hin kaasu; mootota woliin barcumaa mootumma'aa irra isaan hin teessisa; haga bara baraalle ol ol isaan hin qaba.
JOB 36:8 Namooti wodaroo sibiilaatiin yoo hidhamane yookiin wodaroo rakkinnaatiin yoo qabamane,
JOB 36:9 balleessaa isaan koora ifiitiin hujane inni isaanitti hima.
JOB 36:10 Qajeelfama akka dhage'anuuf gurra isaanii hin bana; cubbuu ifii irralle'ee akka deebi'anuuf isaan hin ajaja.
JOB 36:11 Isaan Waaqaaf ajajamanee isa yoo tajaajilane bara isaanii ka hafe durumma'aa fi gammadaan fixatan.
JOB 36:12 Isa dhage'uu yoo didane ammoo, shallaaga'aan hin badan; Waaqa beekiisa waan didaneef hin du'an.
JOB 36:13 «Worri Waaqa malee le'u aarii gadha'atti qabatan; yennaa inni isaan adabulle qarqaarsa dhaggatiisaaf hin daadimatanu.
JOB 36:14 Isaan dhiira Galma Waaqaa keessatti wol bukkoonsitu oddu'utti ijoollumma'aanuu du'an.
JOB 36:15 Waaqi worra rakkatanu rakkoo keessaa hin baasa; inni akka isaan rakkatanu godhaa isaan barsiisa.
JOB 36:16 «Inni ammalle farra hantuu keessaa, gara addee badhoo wol rakkisuun hin jiretti si baasa; qoriin teetille sagalee dansa'aan hin guutanti.
JOB 36:17 Amma ammoo muraan nama hama'aaf malte waan sitti muranteef, adabbii si'iif malte fudhatiisatti jirta.
JOB 36:18 Eennulle durumma'aan akka si hin sonne, Safuu guddoolle'een akka hin sobanne ifi eegadhu.
JOB 36:19 Karri teeti yookiin jabeenni hunna teetii rakkinna hamaa keessaa si baasuu dande'anii ree?
JOB 36:20 Ati halkan kolbaan addee ifii irraa baddu akka dhufu hin halchin.
JOB 36:21 Farriisaan irra hantuu hujiisa waan filatteef, gara hammeennaa akka hin deebine ifi eegadhu.
JOB 36:22 «Kunoo, Waaqi hunna ifiitiin ol ol jedheera; barsiisaan akka isaa eennu ree?
JOB 36:23 Waan Waaqi huju eentu itti himuu dande'a? yookiin eentu, ‹Ati dokonkorteerta› isaan jedha ree?
JOB 36:24 Hujii isaa ta nami faaru'uun leellifatu atille akka leellifattu yaadadhu.
JOB 36:25 Nami duudiin hujii isaa dhaggeera; nami martinuu fagoo irraa daaw'ata.
JOB 36:26 Dhugumaan Waaqi gudda'a; inni hubantii teennaan oli; laakkossi bara isaalle qorqoramuu hin dande'u.
JOB 36:27 «Bisaan lafa irraa ol fuudhee gara copha bokkeyaa ka deebisu Waaqa.
JOB 36:28 Inni bokkeya duumensa keessaa gad hin roobisiisa; namoota irralle'etti hin danbalaasa.
JOB 36:29 Inni attam akka duumensa diriirsu galma guddaa ifii keessaa attam akka mandi'u eentu hubatuu dande'a ree?
JOB 36:30 Kunoo, Waaqi adaala ifiititti balaqqeettii attam akka bittinneessu hundee abbaaya'aalle dukkanaan akka gollu ilaali.
JOB 36:31 Inni akka kanaan gosa biyya adda addaa bulcha; sagalee bacaalle isaaniif kenna.
JOB 36:32 Inni balaqqeettii harkatti qabatee lafa itti murteessetti akka dhoottu hin ajaja.
JOB 36:33 Mandiisuun bokkeenni bubbe'ee akka dhufaaru beessitti; horiille dhufiisa isi'ii hin beekan.
JOB 37:1 «Bokkeenni bubbe'ee sun gadhaa kiyya hollachiisee, sheephisiise.
JOB 37:2 Qoonqoo isaa ta akka mandiisu'uu, gungunsuu afaan isaa keessaa baatulle caqasa'a.
JOB 37:3 Inni gubba'aan jala duudi'itti balaqqeettii ifii haga qaccee lafaatitti gad lakkisa.
JOB 37:4 Achiin duuba harqiis qoonqoo isaa hin dhage'anti; inni qoonqoo ifii ta sodaachittu akka mandiisu'uu hin dhageessisa; yennaa qoonqoo ifii dhageessisu balaqqeettiille duubatti hin hamburu.
JOB 37:5 Waaqi qoonqoo ifii ta bilbaasaatiin hin mandi'a; waan gugurdoo hubantii teennaan olii hin huja.
JOB 37:6 Inni dhakaa bokkeyaatiin, ‹Lafa irratti bu'i›, tiifuu bokkeyaatille'een, ‹Bokkeya jabaa te'i› hin jedha.
JOB 37:7 Nami inni dade duudiin hujii isaa beekuuf, nami martinuu hujii ifii akka dhaabu hin godha.
JOB 37:8 Yennaa san bineensoti gara goda ifii keessatti hin qubatan; mandhee ifii keessalle'etti dhokatan.
JOB 37:9 Hobonbolattiin gara kibbaatii hin dhutti; qilleensi boojji'ii gara kaabaatii dhufa.
JOB 37:10 Hafuurri Waaqaa dhakaa bokkeyaa fida; bisaan badhaalle ititee dhakaa bokkeyaa te'a.
JOB 37:11 Inni duumensi akka bisaan ba'atu hin godha; balaqqeettii ifiille duumensa keessaa balaqqisiisa.
JOB 37:12 Duumensi waan inni ajaje muummessiisaaf, qajeelcha isaatiin lafa duudii irra asii fi achi mara.
JOB 37:13 Waaqi namoota adabiisaaf lafa ifii jiisiisaaf yookiin jaalala ifii mudhisiisaaf bokkeya fida.
JOB 37:14 «Iyoob, tana dhage'i; me lakkisiitii hujii Waaqaa ta maade'ee yaadaan hubadhu.
JOB 37:15 Waaqi duumensa attam akka toowatu balaqqeettii duumensa ifiille attam akka balaqqisiisu ati hin beettaa?
JOB 37:16 Duumensa gubba'atti ka rarraasuu fi hujii maade'ee tana ta Waaqa beekkumsa dhidhuu hin qannee hin beettaa?
JOB 37:17 Yennaa latti qilleensa gara kibbaatiin o'itee, ati ka woyaan teeti keessatti fuurtu,
JOB 37:18 ol-gubbaa akka daaw'itii sageettuu baqisiifante irraa hujantee jabaattu, yennaa Waaqi diriirsu ati isa qarqaaruu dandeettaa?
JOB 37:19 «Waan Waaqaan jennu nutti himi; nuuti womaa waan hin beenneef haajaa keenna dhikeeffatiisa hin dandeennu.
JOB 37:20 Akka ani dubbatu'uu jiru nami isatti himiisa barbaachisaa ree? Nami tana dubbatiisaaf yaadu dhuguma hin bada.
JOB 37:21 Qilleensi duumensa haxowee gubbaa irraa qulqulleesseen duuba, nami tokkolle aduu midhatee ilaaluu hin dande'u.
JOB 37:22 Inni ulfinna akka worqi'ii calalaquun gara kaabaatiin hin dhufa; Waaqi arnya sodaachisa'aan hin dhufa.
JOB 37:23 Waaqi waan mara dande'u hubantii teennaan ol; hunnaan gudda'a; inni abbaa muraa dhuga'aatille'e.
JOB 37:24 Tanaaf nami marti isa sodaata; inni worra ifiin qaroo jedhu hin tuffata» jedhe.
JOB 38:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,
JOB 38:2 «Dubbii beekkumsa malee dubbatantuun, gorsa kiyya ka diqqeessu kun eennu?
JOB 38:3 Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu; ani si gaafadha; atille naaf deebis.
JOB 38:4 «Yennaa ani hundee lafaa dhaabe ati eessa jirtaayyu? Hubantii yoo qabaatte natti himi.
JOB 38:5 Haga lafaa ka murteesse eennu? Isii irralle'etti sarara miki'ii ka diriirse eennu akka te'e hin beettaa?
JOB 38:6 Hundeen lafaa maan irratti dhaabatte? Dhakaa roga isi'iille ka dhaabe eennu?
JOB 38:7 Yennaa urjooti ganamaa wolitti qabantee faarsitu, ergantooti Waaqaalle yennaa ilillittu ati eessa jirtaayyu?
JOB 38:8 «Yennaa abbaayaan lafa keessaa dhoote, balbala madda isi'ii ka cufe eennu ree?
JOB 38:9 Abbaayaa duumensaan uffisee, dukkana dimmalle'een ka isii golle ana.
JOB 38:10 Meessaalle itti godhee, balbalaa fi danqaraa ka itti keye ana.
JOB 38:11 ‹Ati haga asii hin dhutta; asi irra hin dabartu! Danbaliin teeti jadduun asitti dhaabbatuu ti!› ka jedhe ana.
JOB 38:12 «Iyoob, bara jiruu teetii latti akka bariitu ajajjee beettaa? Bariin lafaalle addee akka qabattu gooteertaa?
JOB 38:13 Bari'iisi lafaa haga qaccee lafaa dhaqqabee, worri hamaan akka isii irraa hargufamanu gooteertaa?
JOB 38:14 Ifi bari'ii koobotii fi dhooqoti akka woyaa dachaafantee dhaabbatanee akka mudhatanu godha; akka chaappaa faara jiidhaa irratti dhowamee guddisee mudhisa.
JOB 38:15 Worra hamaa ifi isaan duraa fudhatameera; harki isaan hantuu hujiisaaf ol fudhatanelle cabeera.
JOB 38:16 «Ati gara madda abbaaya'aa gad buuteertaa? Yookiin hundee qilee abbaaya'aa keessa ideenteertaa?
JOB 38:17 Balbalti du'aa sitti mudhifanteerti? Yookiin balbala dukkana dimmaa dhaggiteerta?
JOB 38:18 Badhinna biyya lafaa hubatteertaa? Tana mara yoo beettu teete me natti himi.
JOB 38:19 «Karaan gara ifaa geessu meet? Addeen dukkanti jirtulle eessa?
JOB 38:20 Ifaa fi dukkana addee isaaniititti geessuu hin dandeettaa? Karaa gara addee isaanii geessu hin beettaa ree?
JOB 38:21 Biyyi lafaa yennaa dadante ati waan dhalatteertuuf dhuguma hin beetta; bara hedduulle leeteerta.
JOB 38:22 «Ati gara mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu seenteertaa? Yookiin mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu dhaggiteertaa?
JOB 38:23 Dhakaan bokkeyaa kun, ka ani yennaa rakko'ootiif, guyyaa woraanaatii fi guyyaa lolaatiifiille maffadhe.
JOB 38:24 Karaan gara addee ifi irraa balaqqisu geessu kam? Yookiin qilleensi gara aduun baatuu eessa irraa lafatti bittinnowa?
JOB 38:25 Bokkeya gad lola'uu fi bokkeya bubbe'ee ka mandiisu'uutiif karaa ka baase eennu?
JOB 38:26 Lafa nami tokkolle hin leenetti goomolee nami tokkolle hin jirre keessa, bokkeya roobisiisee,
JOB 38:27 lafa goomolee duwwaa jiisee, marra akka baattu ka godhe eennu?
JOB 38:28 Abbaan bokkeyaatii fi copha fixeensaa eennu ree?
JOB 38:29 Dhakaan bokkeyaa gadaamessa eennuu keessaa baye? Qorra ol-gubbaa irraa bu'u eentu dhale?
JOB 38:30 Qorri sun bisaan akka dhaka'aa jabeessee, dirri abbaaya'aa akka dhakaa bokkeyaa ite'a.
JOB 38:31 «Tuuta urjootaa ka, ‹Torbii› jedhamanu, wolitti hidhuu, yookiin wodaroo tuuta urjoota, ‹Sadee› jedhamanuu hiikuu hin dandeettaa?
JOB 38:32 Tuuta urjoota gara kibbaa yennaa isaaniititti bobbaasuu dandeettaa? Tuuta urjootaa ‹Ka bineensa Doobbaa› jedhamu fakkaatu, ilmaan ijoollee isaanii woliin sooressuu dandeettaa?
JOB 38:33 Ati sirna ol-gubba'aa beettaa? Sirni kun lafa irratti akka huju godhuu dandeettaa?
JOB 38:34 «Lolaan bisaanii akka si liqinsuuf, qoonqoo ol-qabattee duumensatti dubbatuu dandeettaa?
JOB 38:35 Ati balaqqeettiin akka buutu erguu dandeettaa? Isiille si'iin, ‹Kunoo, ani as jira› hin jettii?
JOB 38:36 Kormi lukku'uu bari'iisa lafaa beekee akka iyyu, yookiin sinbirreen akka mana ijaarrattu ka qarummaa kenneef eennu?
JOB 38:37 Yennaa bukuun lafaa jabaattee wolitti tuulantuu fi quqquuqaan lafaa wolitti qabatu, duumensa laakkowiisaaf ka qarummaa qabu eennu? Waabaa bisaanii ta ol-gubba'aa jissee, ka bisaan gad naquu dande'u eennu?
JOB 38:39 «Ati neenqa dhala'aaf waan nyaatu hin adansitaa ree? Yookiin dardaroota neenqaa hin quussitaa ree?
JOB 38:40 Yennaa isaan mandhee ifii keessatti riphanu, yookiin daggala keessatti dhokatanee yennaa gaadatanu, isaan hin quussitaa?
JOB 38:41 Yennaa ilmeen harraaqessaa waan nyaattu dhaddee daaxxu, gara Waaqaalle yennaa boottu ka sagalee isi'iif kennu eennu?
JOB 39:1 «Yennaa godaan gaaraa dhalu beettaa? Gadansi dhaluun dhaggitee beettaa?
JOB 39:2 Ji'a meeqa rimeyaan turanee, yoom akka dhalanu hin beettaa?
JOB 39:3 Isaan quphananee dhalan; foolata ifii irralle'ee hin furatan.
JOB 39:4 Ilmeen isaanii baddaa keessatti guddattee jabaatti; bayanee deemaneen duuba, gara haadha ifii hin deebi'anu.
JOB 39:5 «Harreen diidaa gara feete akka deentu ka lakkise eennu? Hidhaana irraa ka isii hiike eennu?
JOB 39:6 Ani lafa goomole'ee mana isaanii, dirree sooddaalle addee isaan le'anu godhee kenneef.
JOB 39:7 Isaan qachaa hoga'aa irraa fagaatanee le'an; nami isaan leenjisee hujisiisulle hin jiru.
JOB 39:8 Isaan dheedaaf gaarotatti bobba'an; waan magariisa mara barbaadatan.
JOB 39:9 «Gafarsi si tajaajiliisaaf fedhii hin qabaataa? Moonaa teeti keessalle hin bulaa?
JOB 39:10 Gafarsa waanjoo itti hiitee moofara harkisaa akka qotu godhuu dandeettaa?
JOB 39:11 Jabeenni isaa guddaa waan te'eef isatti hin addattaa? Hujii teeti ulfaattuu isatti hin lakkittaa?
JOB 39:12 Inni midhaan keeti wolitti qabee gara eeddummee teetii akka si'iif fidu hin addattaa?
JOB 39:13 «Guchiin gammadaan koola ifii hargufatti; koollii isi'ii ammoo akka koola qonga'aatii moti.
JOB 39:14 Guchiin quuphaa ifii lafatti buutti; biyyeen akka itti o'ituufille achumatti lakkitti.
JOB 39:15 Isiin miilli akka caccassu, bineensotille akka irra ijjatanu hin yaadattu.
JOB 39:16 Akka waan ta isi'ii hin te'inii, cuucuu ifiititti gadhaa jabaatti; eloon isi'ii baddulle hin qortu.
JOB 39:17 Ka qarummaa isii dhoogge, ka hubantiille isi'iif hin kennin ana Waaqa.
JOB 39:18 Yennaa rukkisiisa jalqaddu fardaa fi abbaa fardaatitti hin kolliti.
JOB 39:19 «Iyoob, fardaaf jabeenna ka kenne si'ii? Yookiin morma isaatitti gama dhedheeraa ka uffise si'ii?
JOB 39:20 Akka korophiisaa kuruphisaa fooqqisaa akka inni nama bararassu ka godhu si'ii?
JOB 39:21 Fardi jabeenna ifiititti addatiisaan kotte'een lafa qotaa himimmisee, loliisaaf hin baya.
JOB 39:22 Inni soda'atti kolla; womaa hin sodaatu; shallaagaa irralle'ee duubatti hin deebi'u.
JOB 39:23 Eboon balaqqittuu fi marcaan subba daayaa woliin cinaacha isaatitti bubbu'ee qilillisa.
JOB 39:24 Fardi hollatee worraaqatee xinniqa; yennaa tultullaan afuufamu hin sawwaanata.
JOB 39:25 Inni yennaa tultullaan afuufamu hin fooqqisa; dhaadata abbootii duulaa, hoga'aa fi lola fago'ottuu foolee fuudha.
JOB 39:26 «Cululleen qarummaa teetiin koolaan kaatee gara kibbaatitti koola ifii badhifattii?
JOB 39:27 Risaan ajaja keetiin gubbaa irra ka'aa? Allaattiin ajaja keetiin mana ifii gaara irratti ijaarrattii?
JOB 39:28 Isiin rassaa ol ka'e irra le'aa achitti mana ijaarratti; rassaan sun kushee isi'ii ti.
JOB 39:29 Isiin achi jiraattee waan nyaattu dooyatti; ilti isi'iille fago'otti waan gaadattu dhaggiti.
JOB 39:30 Ilmeen isi'ii dhiiga xuuxatti; isiille addee raqi jirutti dhagganti» jedhe.
JOB 40:1 Ammalle Mootiin Waan Maraa Iyoobiin,
JOB 40:2 «Nami ana Waaqa waan mara dande'u morkee hin sirreessaa ree? Ka Waaqa moromu deebii kennuu ti» jedhe.
JOB 40:3 Achiin duuba Iyoob deebisee Mootii Waan Maraatiin,
JOB 40:4 «Kunoo ani nami woy hin baane; afaan kiyya qabatiisa malee, maan si'iif deebisa ree?
JOB 40:5 Ani takkaa dubbadheera, waan deebisu hin qabu; lammeessoolle dubbadheera, haganaa achi itti hin dabalu» jedhe.
JOB 40:6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,
JOB 40:7 «Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu; ani si gaafadha; atille naaf deebis.
JOB 40:8 «Ati anaayyuu dokonkora keessa galchitaa? Ati balchaa ifi godhiisaaf yakkaa natti murtaa?
JOB 40:9 Ati hunna akka hunna tiyyaa qaddaa? Qoonqoon teetille akka qoonqoo tiyyaa hin mandiitii?
JOB 40:10 Arnyaa fi guddinnaan ifi kuuladhu; ulfinnaa fi fudhatama dhaggatiisa uffadhu.
JOB 40:11 Worra kooru ilaaliitii qaanessi; aarii teetille isaan irratti dhangalaas.
JOB 40:12 Worra kooru duudii gad qabi; worra hamoota lafa isaan dhaabbatanetti butuchi.
JOB 40:13 Fuula isaan mariitii biyya lafaa ta jalaatitti mara isaaniituu wolumatti awwaali.
JOB 40:14 Achiin duuba akka ati hunnuma teetiin injifattu, anille dhugaa si'iif hin baya.
JOB 40:15 «Roophii ta ani akkuma si dade, isiille dade ilaali; isiin akkuma qotiyyo'oo marra dheeddi.
JOB 40:16 Jabeenni isi'ii hidha isi'ii keessa, hunni isi'ii morgeya gadhaa isi'ii keessa jirti.
JOB 40:17 Eegeen isi'ii akka hindheensaa sooti'i; morgey miila isi'iille jaba'a.
JOB 40:18 Lafeen isi'ii akka uujjummee sageettu'uu ti; harkii fi miilli isi'ii akka ulee sibiilaa ti.
JOB 40:19 Isiin dada ani dade duudii keessaa ta qaraa ti; ana malee ka isii injifatu hin jiru.
JOB 40:20 Gaaroti bineensoti duudiin irra burraaqanu, marra isiin dheeddu baasaniif.
JOB 40:21 Isiin haxanxarii qore'ee jala ciittee, caffaa keessa odduu alladdu'uutitti dhokatti.
JOB 40:22 Haxanxariin qore'ee gaaddisa ifiitiin isii golliti; muki olaati'iille isii hin marsa.
JOB 40:23 Yennaa lagi guutee danbala'u hin sodaattu; lagi Yordaanosii guutulle hin rifattu.
JOB 40:24 Eennulle adoo ilti roophi'ii dhaggituu isii qabuu, yookiin malxaqqo'oon funnaan isi'ii uruu dande'a ree?
JOB 41:1 «Ati bineensa naacha fakkaatu, ka ‹Lewaataan› jedhamu malxaqqo'oon qabuu, yookiin arraba isaa wodaro'oon hidhuu hin dandeettaa ree?
JOB 41:2 Wodaroo funnaan isaa keessa baasuu, yookiin a'oo isaa malxaqqo'oon woraanuu hin dandeettaa ree?
JOB 41:3 Inni akka ati isaaf marartu si hin kadhatta ree? Dubbii laattuulle'een sitti hin dubbataa ree?
JOB 41:4 Haga bara baraa akka ati garba isa godhattuuf, wolii galtee si woliin hin godhataa ree?
JOB 41:5 Akka sinbirree mana barattee isa woliin taphatuu hin dandeettaa ree? Yookiin tapha ijoollee durraa teetiitiif isa hin hiitaa ree?
JOB 41:6 Daldaltooti qurxummi'ii gatii isaa irratti wol hin falmanii ree? Kukkutaneelle hin qoodatanii ree?
JOB 41:7 Gogaa isaa ebo'oon, mataa isaalle marcaa qurxummi'iitiin uriisa hin dandeettaa ree?
JOB 41:8 Harka keetiin yoo isa tuxxe, lola san hin qaabatta; ijjumaalle itti hin deebitu.
JOB 41:9 Bineensa san lolanee injifatiisaaf wodhaaniis toluma elowiisa; nami isa dhaggu sheephisee jiga.
JOB 41:10 Isa kakkaasiisaaf ka itti guulu eega hin jirre teete, eentu na dura dhaabbatiisa dande'a ree?
JOB 41:11 Wonni ol-gubba'aan jala jirtu marti tiyya; akka ani isaaf deebisee kaffalu waan tokkolle ka anaa kenneeru hin jiru.
JOB 41:12 «Ani marroo harkaa fi miila, yookiin jabeenna, yookiin miidhaginna dhaaba nafa bineensa naacha fakkaatu, ka ‹Lewaataan› jedhamuu dubbadhu malee hin cadhisu.
JOB 41:13 Gogaa nafa isaa ka dachaa te'e, eentu isa irraa quncisuu dande'a? Eentu bixaalaan isatti dhikaatuu dande'a?
JOB 41:14 Balbala afaan isaa ka ilkaan sodaachisu itti naannowe, eentu banuu dande'a?
JOB 41:15 Inni dudda jabaa akka wontee tarree galtee wolitti maxxanfantee qaba.
JOB 41:16 Tokko tokkoon wontee sanii wol wolitti guddoo waan dhikaataneeranuuf qilleensi wodhakkaa isaanii dabaruu hin dande'u.
JOB 41:17 Isaan wol wolitti waan maxxananeeranuuf, wol irraa gargar bayuu hin dande'anu.
JOB 41:18 Yennaa inni haxxifatu ifi hin balaqqisa; ilti isaa akka boruu dayya'uu ti.
JOB 41:19 Afaan isaa keessaa bobe'a ibiddaatitti baya; qaanqeen ibiddaalle afaan isaa keessaa xoxxi.
JOB 41:20 Akkuma aarri okkotee ibidda o'aa irra jirtu keessaa aaru, aarri funnaan isaa keessaa baya.
JOB 41:21 Hafuurri isaa cilee qassiisa; bobeenni ibiddaalle afaan isaa keessaa baya.
JOB 41:22 Jabeenni lumma isaa keessa jira; ka isaan wolde'u marti hin bararaqa.
JOB 41:23 Dachaan foon isaa wolitti maxxaneera; dachaan foon isaa jaba'a; hin tacho'ulle'e.
JOB 41:24 Gadhaan isaa akka dhaka'aa jaba'a; akka daaku'uulle jaba'a.
JOB 41:25 Yennaa inni ka'u worri hunnaameyyiin hin bararaqa; yennaa inni tacho'ulle gara duubaa deebi'an.
JOB 41:26 Shallaagaan, eboon, guube'ee fi mey woraanaa dhibiille isa hin miidhanu.
JOB 41:27 Inni sibiila akka huuraa, sageettuu akka muka hurroyee bulleessa.
JOB 41:28 Daayi isa hin ari'u; dhakaan looyya'aa isaaf akka hicaace'ee ti.
JOB 41:29 Ciiraan isaaf akka hicaace'ee ti; yennaa nami marcaa isatti darbatu hin kolla.
JOB 41:30 Gogaan gadhaa isaa jalaa akka bassoo qara qadduu, yennaa inni mirmiqu dhoqqee irratti beessisa godha.
JOB 41:31 Inni qilee abbaaya'aa, akka keloo danfituu, abbaayaalle akka keloo zayiti'ii hin burqisiisa.
JOB 41:32 Inni karaa irra dabare akka ifu hin godha; abbaayaalle hin hoomachessa.
JOB 41:33 Biyya lafaa irra dadi woy hin sodaanne ta akka isaa hin jirtu.
JOB 41:34 Inni bineensota gugurdaa maraayyuu hin tuffata; inni bineensota gugurdaa mara irratti mooti'i» jedhe.
JOB 42:1 Achiin duuba Iyoob Mootii Waan Maraatiif deebisee,
JOB 42:2 «Ati waan mara godhuu akka dandeettu, karoora keetille ka gufachiisu akka hin jirre ani hin beeka.
JOB 42:3 Ati, ‹Beekkumsa malee karoora kiyya ka dhossu eennu?› jetteerta. Dhugumaan ani waan hin hubatin, waan beekiisaaf guddoo maadee natti teete dubbadheera.
JOB 42:4 «Ati, ‹Na caqasi; ani hin dubbadha; ani si gaafadha, atille naaf deebis› jetteerta.
JOB 42:5 Ani marroo teeti dur gurra qofaan dhage'e; amma ammoo iluma tiyyaan si dhagge.
JOB 42:6 Tanaaf ani waan dubbadhetti fokkifadhee, buku'uu fi daadhaa irra te'ee cubbuu tiyya irraa deebi'a» jedhe.
JOB 42:7 Mootiin Waan Maraa waan kana Iyoob woliin dubbateen duuba, Eliifaazii nama qachaa Temaaniitiif deebisee, «Isin akka tajaajilaa kiyya Iyoobii waan sirrii te'e waan hin dubbatiniif aariin tiyya si'ii fi jaalota teeti lamaan irratti bobeeteerti.
JOB 42:8 Tanaaf amma korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba fuudha'aatii, gara tajaajilaa kiyya Iyoobii dhaqa'a; achitti kennansa gubamu marroo cubbuu teessaniitiif dhikeeffadha'a; inni isiniif hin daadimata; anille daadimata isaa waan dhage'uuf, akka hujii fokkisiittuu teessaniititti isinitti hin muru; isin akka tajaajilaa kiyya Iyoobii, marroo tiyyaaf waan sirrii te'e hin dubbanne» jedhe.
JOB 42:9 Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii, Biildaad nami biyya Shu'aatii fi Zofaar nami biyya Naa'imaa dhaqanee, akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane; Mootiin Waan Maraalle daadimata Iyoobii dhage'e.
JOB 42:10 Iyoob jaalota ifii sadiif daadimateen duuba, Mootiin Waan Maraa karra isaa addee duriititti deebisee, ta dur qabu caalaa dachaa lama kenneef.
JOB 42:11 Achiin duuba obboleeyyan Iyoobii ta dhiiraatii fi ta durraa, worri dur isa beeku duudiille gara isaa dhufanee, mana isaatitti isa woliin areerratane; isaan rakkoo guddoo Mootiin Waan Maraa isatti fide maraaf gaddanee, isa jajjabeessane; tokko tokkoon isaaniituu beesee diqqo'oo fi qubee worqi'ii kennaneef.
JOB 42:12 Mootiin Waan Maraa jiruu Iyoobii ta durii caalaa ta duuba irraa eebbise; Iyoob hoolee kuma kudhanii afur, gaala kuma jaa, qotiyyoo ximmaadii kuma tokkoo fi harree kuma tokko qabaayyu.
JOB 42:13 Inni ammalle ilmaan torbaa fi durra sad uumate.
JOB 42:14 Inni intala ifii angafittii, «Yimiimaa» ta lammeesso'oo, «Qasi'aa» ta sadeesso'oo, «Qereen-haphuu» jedhee maqaa baase.
JOB 42:15 Lafa duudii irratti dubartiin akka durra Iyoobii guddoo miidhaddu hin jirtuuyyu; abbaan isaanii Iyoob obboleeyyan isaanii woliin dhaala isaaniif qoode.
JOB 42:16 Tanaan duuba Iyoob woggaa dhibba tokkoo fi afurtama le'ee, ilmaan ifii, akaakota ifii, abuubotaa fi abutturoota ifii dhagge.
JOB 42:17 Inni woggaa hedduu le'ee, dulloomee du'e.
PSA 1:1 Nami gorsa hamaaleyyi'iitiin hin ideenne, ka karaa cubbaaleyyi'ii hin hordonne, ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne, ka gammade.
PSA 1:2 Nami akkasii ammoo seera Mootii Waan Maraatiin gammada; halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata.
PSA 1:3 Inni akka muka laga qarqaratti dhaabamee, yennaa yenna'aan midhaan buusuu, ka baalli isaa hin qoorree ti. Wonni inni huju marti isaaf hin teeti.
PSA 1:4 Hamaaleyyiin ammoo akkasii moti; isaan akka hicaacee qilleensi haxowee deemuu ti.
PSA 1:5 Tanaaf, hamaaleyyiin muraa jalaa hin bayanu; cubbaalleyyiille yaa'ii balchootaa keessatti hin dhaggamanu.
PSA 1:6 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa karaa balchootaa hin beeka; karaan hamaaleyyi'ii ammoo hin bada.
PSA 2:1 Gosi biyya adda addaa maaf finqilti? Kolbaan maaf mala bu'aa hin qanne dhootti?
PSA 2:2 Mootii Waan Maraatii fi ka inni muude mormiisaaf, moototi lafaa hin kakka'an; bulchitootille isaan woliin mala isaanitti dhootti.
PSA 2:3 Isaan, «Kowa'a, wodaroo sibiilaa ta isaanii ifi irraa kunnuu ti! Wodaroo isaaniille ifi irraa gannuu ti» jedhan.
PSA 2:4 Ka ol-gubbaa jiru hin kolla; Mootiin Waan Maraa isaanitti hin murga.
PSA 2:5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa aari'iin isaan hin xixa. Mufii ifiitiin isaan hin bararassa.
PSA 2:6 Inni, «Ani gaara kiyya woyyicha Xiyoon irratti mootii kiyya muudeera» jedha.
PSA 2:7 Mootichi, «Ani lassii Mootii Waan Maraa hin lassa; inni anaan, ‹Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe.
PSA 2:8 Na gaafadhu; gosa biyya adda addaa mara sii kenna; kolbaan biyya lafaa marti qabeenna keeti hin teeti.
PSA 2:9 Ati ulee bokku'uu ta sibiilaatiin isaan hin bulchita. Akka okkote'ee isaan hin butuchita› jedhe» jedha.
PSA 2:10 Tanaaf, isin mootoleen qalbeeffadha'a; isin bulchitooti biyya lafaa ifi eeggadha'a.
PSA 2:11 Sodaa guddo'oon Mootii Waan Maraa tajaajila'a. Rommiisaan isaaf ajajama'a.
PSA 2:12 Mufiin isaa ariiti'iin waan dhuttuuf, isinitti mufatee akka isin hin balleessine, qulqullumma'aan waaqonfadha'a. Worri gara isaa baqatu ka gammade.
PSA 3:1 Ee Mootii Waan Maraa, diinoti kiyya attam attam bacatan! Kolbaan hedduun na irratti kaateerti.
PSA 3:2 Worri hedduun, «Waaqi isa hin baasu» anaan jedhan.
PSA 3:3 Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo adaala kiyyatti wontee tiyya; ati ulfinna kiyya; ka mataa kiyyalle ol ol qabu si'i.
PSA 3:4 Ani qoonqoo ol qabadhee gara Mootii Waan Maraa hin iyya; innille gaara woyyicha ifii irraa naa hin dhage'a.
PSA 3:5 Ani irkadhee hin rafa; Mootiin Waan Maraa waan na eeguuf, deebi'ee hin dammaqa.
PSA 3:6 Ani loltoota kuma hedduu ka na marsaneeranu hin sodaadhu.
PSA 3:7 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Waaqa kiyya, koyii na baasi! Boqoo diinota kiyyaa dhowi; ilkaan isaaniille caccassi.
PSA 3:8 Qarqaarsi Mootii Waan Maraa biraa dhufa. Ee Mootii Waan Maraa, eebbi keeti kolbaa teeti irra jiraatuu ti.
PSA 4:1 Ee Waaqa balchaa kiyya, yennaa ani si waamu naaf owwaadhu. Yennaa ani rakkoo keessa jiru ati ammoo bilisa na baacha. Ammalle naa mararii daadimata kiyya dhage'i.
PSA 4:2 Ee Kolba'a, isin haga yoomii ulfinna kiyya salphittan? Haga yoomii waan bu'aa hin qanne jaalattan? Haga yoomii dhara barbaaddan?
PSA 4:3 Mootiin Waan Maraa worra isaaf addatamaa te'e akka filate beeka'a; yennaa ani isa waammadhu naaf hin dhage'a.
PSA 4:4 Isin yennaa aartanulle cubbuu hin hujina'a; isin yennaa taqee teessan irra jirtanu, cadhisa'aatii qalbii teessan keessatti itti yaadadha'a.
PSA 4:5 Ciincaa sirrii te'e dhikeessa'aatii, Mootii Waan Maraatitti addadha'a.
PSA 4:6 Namooti, «Waan dansaa eentu nutti mudhisa?» jedhanee gaafatanu heddu'u; ee Mootii Waan Maraa, ifi fuula keetii nu irratti ifuu ti.
PSA 4:7 Gammada worri dhibiin midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa, ati na gammachiitteerta.
PSA 4:8 Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu, si qofa waan te'eef, ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa.
PSA 5:1 Ee Mootii Waan Maraa, dubbii tiyya caqasi; aadiisa kiyyalle dhage'i.
PSA 5:2 Mootii kiyya, Waaqa kiyya, ani waan si daadimadhuuf, iyya tiyya naa dhage'i.
PSA 5:3 Ee Mootii Waan Maraa, ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta; ganama mara si daadimadhee deebii si irraa eegadha.
PSA 5:4 Ati Waaqa hammeennatti gammaduu moti; hammeennille si woliin hin le'u.
PSA 5:5 Koorameeyyiin si dura hin dhaabbattu; worra hantuu huju mara hin jibbita.
PSA 5:6 Ati dharaameyyii mara hin balleessita; worra nama ijjeesuu fi nama sobu hin jibbita.
PSA 5:7 Ani ammoo jaalala keeti ka bara baraatiin gara mana keetii seena; si sodaatiisalle'een gara Dunkaanii Woyyittii teetii garagalee hin sagada.
PSA 5:8 Ee Mootii Waan Maraa, diinota bacaa waan qabuuf, balchummaa teetiin na sooressi; karaa keeti naaf qajeelchi.
PSA 5:9 Diinoti kiyya dhugaa hin dubbatanu; gadhaan isaanii badi'iin guutameera. Afaan isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti; arraba ifiitiin maltee dubbatan.
PSA 5:10 Ee Waaqa, yakkaa isaanii isaanitti muri; malli isaaniituu badii isaanitti fiduu ti. Isaan si irratti waan ka'aneef, sababa cubbuu isaanii heddu'uutiif, alatti isaan gati.
PSA 5:11 Worri gara keeti baqatu marti ammoo gammaduu ti; isaan haga bara baraa ilillisanuu ti. Worri maqaa keeti jaalatu marti si'itti gammadee akka firinxiixu isaan eegi.
PSA 5:12 Ee Mootii Waan Maraa, ati balchoota hin eebbitta; fedhii teeti dansa'aan akka wonte'ee isaan marsi.
PSA 6:1 Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin; yookiin mufi'iin na hin adabin.
PSA 6:2 Ee Mootii Waan Maraa, ani dadhabaa waan te'eef, naaf marari; Ee Mootii Waan Maraa, lafeen tiyya soda'aan waan na sheephitteef na fayyisi.
PSA 6:3 Lubbuun tiyya guddoo na raafanteerti. Ee Mootii Waan Maraa, na qarqaariisaaf, ati haga yoomii turta?
PSA 6:4 Ee Mootii Waan Maraa, deebi'ii na baasi; jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na hamburi.
PSA 6:5 Nami du'ee si qaabatu hin jiru; boolla awwaalaa keessaa ka si leellisu eennu?
PSA 6:6 Ani aadiisaan dadhabeera; halkan mara bowaan taqee tiyya maxanqeessee, imimmaaniin boraatii tiyya tortorse.
PSA 6:7 Akka malee waan gaddeef ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti; sababa diinota kiyya maraatiif ilti tiyya caararrootteerti.
PSA 6:8 Mootiin Waan Maraa bowa tiyya waan dhage'eef, isin worri hamaaleyyiin marti na irraa fagaadha'a.
PSA 6:9 Mootiin Waan Maraa iyya tiyya dhage'eera; inni daadimata kiyyaaf deebii hin kenna.
PSA 6:10 Diinoti kiyya marti hin qaanowan; guddoo hin sodaatanille'e; dedhuma salphatanee, gara duubaa hin deebi'an.
PSA 7:1 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gara keeti baqadha; worra na ari'u jalaa na hamburii, na baasi!
PSA 7:2 Yoo akkas hin te'in, addee nami na irraa buusu hin jirretti na geessanee akka neenqaa gargar na kukkutan.
PSA 7:3 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani nama tokko yoo yakkee jiraadhe, harka kiyyaan dokonkora yoo hujee jiraadhe,
PSA 7:4 nama nageyaan na woliin le'u hantuu godhee, yookiin diina kiyya sababa malee yoo saamee jiraadhe,
PSA 7:5 diinni kiyya ari'ee na qabuu ti; lafa irratti na irra sirbee, ulfinna kiyya bukuu keessatti lakkisuu ti.
PSA 7:6 Ee Mootii Waan Maraa, aarii teetiin ka'i; worra mufi'iin na irratti ka'e irratti ka'i; naa dammaqii, muraa haqaa ajaji.
PSA 7:7 Kolbaan biyya adda addaa adaala keetitti wolitti qabamanuu ti. Atille ol-gubbaa irraa isaan bulchi.
PSA 7:8 Mootii Waan Maraa, kolbaa biyya adda addaa irratti muraa kenni; akka balchumma'aa fi dhugaammessummaa tiyyaatitti muraa naaf kenni.
PSA 7:9 Ee Waaqa balcha'a, ka qalbi'ii fi gadhaa nama qorqortu, hammeenna worra hamaaleyyi'ii balleessi; worra balchoolee jabeessii dhaabi.
PSA 7:10 Waaqi wontee tiyya; inni worra gadhaa qajeela'aa hin fayyisa.
PSA 7:11 Waaqi abbaa mura'aa balcha'a; Waaqi yennaa mara nama hama'atti hin aara.
PSA 7:12 Nami hamaan hammeenna ifii irraa yoo hin deebi'in, Waaqi shallaagaa ifii hin qarata; guubee ifii hujee, qopheeffata.
PSA 7:13 Inni meya woraanaa ka ijjeesuu fi daaya ifii ka akka ibiddaa bobe'u hin qopheeffata.
PSA 7:14 Kolbaan hantuun hammeenna yaaddi; daba karoorfattee, dhara dubbatti.
PSA 7:15 Nami boolla namaaf qotu, ifumaafuu keessa bu'a.
PSA 7:16 Hammeenni inni yaadate mataa isaatitti garagala; wonni inni hunnaan nama irratti huje matuma isaatitti deebiti.
PSA 7:17 Sababa balchummaa isaatiif, ani Mootii Waan Maraa hin galateessa; maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana'aatiif faaruu leellisaa hin faarsa.
PSA 8:1 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna! Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a! Ulfinna keeti ol-gubbaa irratti diriirsiteerta.
PSA 8:2 Diinota keeti loliisaaf, nyaaphotaa fi worra haluu bayu cadhi godhiisaaf, afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan harma hootuutiin, hunna qopheessite.
PSA 8:3 Ani ol-gubbaa ati dadde, hujii harka keetii, ji'aa fi urjoota ati dadde yennaa ilaalu,
PSA 8:4 akka ati isaaf yaadattuuf, nami maan inni? Akka ati isa kunuunsituuf, ilmi namaa maan inni?
PSA 8:5 Ati diqquma Waaqa isa hanqittee, kallacha guddinnaa fi ulfinnaa itti keette.
PSA 8:6 Hujii harka keetii mara irratti bulchaa isa gootee, waan mara baallii ilma namaatiin jala goote.
PSA 8:7 Hoole'ee fi loon mara, bineensota,
PSA 8:8 sinbirrootaa fi qurxummii mara, dada abbaayaa keessaa mara baallii ilma namaatiin jala goote.
PSA 8:9 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna! Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a!
PSA 9:1 Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa; baasa ati goote mara hin odeessa.
PSA 9:2 Ani sitti gammadee hin burraaqa; Waaqa Ol Aana'a, ani faaruu leellisaa maqaa keetiif hin faarsa.
PSA 9:3 Diinoti kiyya gara duubaa yennaa deebi'anu, isaan gufatanee fuula keeti duraa badan.
PSA 9:4 Ati haqa kiyyaa fi haajaa kiyya waan ilaalteef, barcumaa mootumma'aa keeti irra teettee, muraa haqaa murteerta.
PSA 9:5 Ati gosa biyya adda addaa xixxee, hamaaleyyii balleessite; maqaa isaaniille bara baraa haga bara baraa haxoottee balleessite.
PSA 9:6 Diinoti keenna haga bara baraa dhumataneeran. Qachooti gugurdaan isaanii badaneeran; Duufeyi isaaniille ijjumaa badeera.
PSA 9:7 Mootiin Waan Maraa ammoo haga bara baraa bulcha; inni mura'aaf, barcumaa mootumma'aa ka ifii jabeessee dhaabbateera.
PSA 9:8 Inni balchumma'aan biyya lafaa hin bulcha; gosa biyya adda addaa haqaan bulcha.
PSA 9:9 Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef, addee itti baqatanu; yennaa rakko'oo dalleya jaba'a.
PSA 9:10 Ee Mootii Waan Maraa, ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef, worri maqaa keeti beeku sitti addata.
PSA 9:11 Mootii Waan Maraa ka Xiyoon keessa te'ee bulchuuf, faaruu leellisaa faarsa'a. Waan inni godhe mara gosa biyya adda addaa oddu'utti odeessa'a.
PSA 9:12 Inni dhiiga dhangala'eef haluu hin baya; iyya worra cunqurfameelle hin dedhu.
PSA 9:13 Ee Mootii Waan Maraa, naaf marari. Rakkoo diinoti kiyya natti fidanu ilaali; du'a irraa na hamburi.
PSA 9:14 Achiin duuba ani karra qachaa Xiyoonii keessatti waan ittiin si leellisu mara isaanitti hin hima. Ati waan na fayyitteef, gammadaan firinxiixa.
PSA 9:15 Gosi biyya adda addaa boolluma ifii qotane bu'ane; miilli isaanii tiyyuma isaan afaneen qabame.
PSA 9:16 Mootiin Waan Maraa, muraa ifii balchitti'iin ifi beessise; hamaaleyyiin hujuma harka ifiitiin qabamane.
PSA 9:17 Worri hamaaleyyi'ii fi gosi biyya adda addaa ka Waaqa dedhu marti, gara addee worri du'e jiruu gad hin bu'an.
PSA 9:18 Worri rakkataan ammoo yoomille hin dedhamanu; addiin worra hiyyeeyyi'iille haga bara baraa baddee hin hattu.
PSA 9:19 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Nami hin mootomin; gosi biyya adda addaa si duratti muraa dhaggattuu ti.
PSA 9:20 Ee Mootii Waan Maraa, akka isaan si sodaatanu godhi; nama foon uffate te'uu isaanii akka beekanu godhi.
PSA 10:1 Ee Mootii Waan Maraa, ati maaf fagaattee dhaabbatta? Yennaa nuuti rakkannu maaf ifi dhoffatta?
PSA 10:2 Hamaaleyyiin kooraan worra hiyyeeyyii ari'an; maluma namatti dhowane saniin ifumaaf qabaman.
PSA 10:3 Nami hamaan halchaa gadhaa ifiitiin koora; inni worra joljolu eebbisee, Mootii Waan Maraa abaara.
PSA 10:4 Nami hamaan waan kooruuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa keessa Waaqi hin jiru.
PSA 10:5 Wonni marti isaaf hin teeti. Inni muraa Waaqaa hubatuu hin dande'u; diinota ifii mara irratti hin murga.
PSA 10:6 Inni gadhaa ifii keessatti, «Wonni na tachoosu hin jiru; dhaloota mara keessatti rakkinni na hin dhaqqabu» jedhee yaadata.
PSA 10:7 Afaan isaa abaarsaan, dharaa fi sodaachisiisaan guutameera; inni arraba ifiitiin maltumma'aa fi waan hantuu dubbata.
PSA 10:8 Inni ollaa cina'atti riphee, worra qarqaarsa hin qanne gaada; worra yakkaa hin qanne hin ijjeesa.
PSA 10:9 Inni akka neenqaa dhokatee gaada; worra hiyyeeyyii qabiisaaf gaada; inni tiyyoo ifiitiin worra qarqaarsa hin qanne qabee harkisa.
PSA 10:10 Worri hiyyeeyyiin jiganee bututan; hunna isaa jalatti hin jigan.
PSA 10:11 Nami hamaan gadhaa ifii keessatti, «Waaqi dedheera; fuula ifii gollateera; inni ijjumaa hin dhaggu» jedha.
PSA 10:12 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Ee Waaqa hunna teeti mudhisi! Worra qarqaarsa hin qanne hin dedhin.
PSA 10:13 Nami hamaan maaf Waaqa tuffata? Maaf gadhaa ifii keessatti, «Inni na hin adabu» jedha ree?
PSA 10:14 Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo hin dhaggitta; rakkinnaa fi gadda dhaggitee yennaa mara qarqaarsaaf hin qophootta. Worri rakkataan harka keetitti ifi kennata; atille ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne hin qarqaarta.
PSA 10:15 Hunna nama hama'aa cassi; nami waan hantuu huju haganaa achi deebi'ee waan hantuu akka hin hunye, isa adabi.
PSA 10:16 Mootiin Waan Maraa bara baraa haga bara baraa mooti'i; gosi biyya adda addaa worri waaqota dhibii waaqonsu lafa isaa irraa hin badan.
PSA 10:17 Ee Mootii Waan Maraa, ati daadimata worra gad aana'aa hin dhageetta; ati iyya isaanii caqattee, isaan hin jajjabeessita.
PSA 10:18 Nami lafaa ka foon uffate worra dhibii akka hin bararassine, worra cunqurfameef, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef haqa hin murta.
PSA 11:1 Ani gara Mootii Waan Maraa baqadheera. Isin attam anaan, «Akka simbirre'ee gara gaara keetii baqadhu!» jettan?
PSA 11:2 Worri hamaaleyyiin guubee qopheeffateera; dukkanaan worra addatama'atti darbatiisaaf, daaya ifii itti qajeelfateera.
PSA 11:3 Hundeen waan dansa'aa marti yoo badde, nami balchaan maan godhuu dande'a ree?
PSA 11:4 Mootiin Waan Maraa Dunkaanii Woyyittii ifii keessa jira; ol-gubba'atti barcumaa mootumma'aa ka ifii qaba. Inni ilmaan namaa ilaala; ilti isaalle isaan qorqorti.
PSA 11:5 Mootiin Waan Maraa balchoota haga hin ilaala; hamaaleyyi'ii fi worra hunnaan nama irratti ka'u ammoo hin jibba.
PSA 11:6 Mootiin Waan Maraa hamaaleyyii irratti kashila ibiddaatii fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa; qilleensi gubu hiree isaanii hin te'a.
PSA 11:7 Mootiin Waan Maraa balchaa waan te'eef, inni hujii balchootaa hin jaalata; worri hujii balchaa huju fuula isaa hin dhagga.
PSA 12:1 Ee Mootii Waan Maraa, nami Waaqa sodaatu waan hin jirreef, nu qarqaar; nami addatamaan ilmaan namaa oddu'uu dhabameera.
PSA 12:2 Tokko tokkoon isaanii dhara wolitti dubbatan; Isaan hidhii kookkisaatiin soba dubbatan.
PSA 12:3 Mootiin Waan Maraa hidhii sossobaatii fi arraba koorameessaa kutuu ti.
PSA 12:4 Isaan, «Nuuti dubbannee waan feene hin dhagganna; waan feene hin dubbanna; ka nu dhoogguu dande'u hin jiru» jedhan.
PSA 12:5 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Worri hiyyeeyyiin waan cunqurfameef, worri rakkataan waan iyyuuf, qarqaarsa isaan barbaadanu kenniisaaf ani hin ka'a» jedha.
PSA 12:6 Dubbiin Mootii Waan Maraa qullu'u; akka meetii barbada ibiddaatitti baxxee yennaa torba qulloottee ti.
PSA 12:7 Ee Mootii Waan Maraa, ati isaan hin gollita; dhaloota hamaa irraa haga bara baraa nu hin eedda.
PSA 12:8 Yennaa wonni hantuun saadantu nami marti waan hantuu jaalata.
PSA 13:1 Ee Mootii Waan Maraa, ati haga yoomii na deeta? Haga bara baraa tii? Haga yoomii fuula keeti na duraa dhoffatta?
PSA 13:2 Haga yoomii rakkoo ciniinnadhee ossadha? Haga yoomii gadhaan kiyya halkanii fi guyyaa gaddaan guutama? Haga yoomii diinoti kiyya na injifatan?
PSA 13:3 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya na ilaalii, deebii naa deebisi. Jabeenna kiyya adde'etti naa deebisi; akka du'u na hin godhin.
PSA 13:4 Diinoti kiyya, «Isa injifanne» jedhanee akka kooranu, nyaapholeen kiyyalle jinnana kiyyatti akka gammadanu hin godhin.
PSA 13:5 Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera; gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada.
PSA 13:6 Mootiin Waan Maraa waan dansaa waan naa godheef, ani isaaf hin faarfadha.
PSA 14:1 Worri gowwooleen, gadhaa ifii keessatti, «Waaqi hin jiru» jedhan. Isaan worra bada'a; waan gadhee hujan; isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.
PSA 14:2 Worri qarooleen Waaqa barbaadu yoo jiraate dhaggiisaaf, Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa gara ilmaan namaa gad ilaala.
PSA 14:3 Isaan martinuu ammoo karaa irraa goranee, martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran. Isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru; tokkolle hin jiru.
PSA 14:4 Mootiin Waan Maraa, «Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu? Akkuma nami sagalee nyaatu worri kolbaa tiyya nyaatu, isaan gara kiyya hin daadimatanu» jedha.
PSA 14:5 Mootiin Waan Maraa worra balchoota woliin waan jiruuf, worri hamaaleyyiin bararaqa guddaa keessa jiran.
PSA 14:6 Isin hamaaleyyiin karoora worra gad aana'aa hin gufachiittan; Mootiin Waan Maraa ammoo isaaniif addee isaan itti baqatanu.
PSA 14:7 Xiyoon keessaa fayyinni kolbaa Israa'eliitiif adoo dhufee jiraatee! Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu kolba'aa deebisu, sanyiin Yaaqoobii hin burraaxxi; kolbaan Israa'elii hin gammaddi.
PSA 15:1 Mootii Waan Maraa, Dunkaanii Woyyittii teeti keessa eentu jiraatiisa dande'a? Kooba keeti woyyicha irra eentu le'uu dande'a?
PSA 15:2 Worra komii hin qannee fi ka waan balchaa te'e huju, ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu,
PSA 15:3 ka maqaa namaa hin balleessine, ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye, ka ollaa ifii hin hamanne.
PSA 15:4 Worra hamoolee ka tuffatu, worra Mootii Waan Maraa sodaatu ammoo ka ulfeessu. Ta isa miitu teetelle waan waadaa gale ka muummessu.
PSA 15:5 Beesee ifii dhala malee ka liqeessu; worra balleessaa hin qanne miidhiisaaf safuu ka hin fudhanne. Nami waan kana godhu ijjumaa hin raafamu.
PSA 16:1 Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf, ati na eegi.
PSA 16:2 Ani Mootii Waan Maraatiin, «Ati Goottaa kiyya; si'iin malee ani waan dansaa hin qabu» jedhe.
PSA 16:3 Worri isaaf woyyoomee lafa irra le'u, ka ulfaate; ani isaanitti gammada.
PSA 16:4 Worra waaqota dhibii waaqonfatu gadda gudda'atti isaan dhaqqaba. Ani waaqota dharaatiif ciincaa dhiigaa hin dhikeessu; afaan kiyyalle'een maqaa isaanii hin dhowu.
PSA 16:5 Ee Mootii Waan Maraa, qoodi lafa tiyyaatii fi hireen tiyya si'i. Qoodi lafa tiyyaa harka keeti keessa jira.
PSA 16:6 Wodaroon tiyya ta meessaa ittiin mikanu addee dansaa irra naaf buute; dhugumaan ani lafa dansaa qaba.
PSA 16:7 Ani Mootii Waan Maraa ka gorsa naaf kennu hin leellifadha. Halkan keessalle wodanaan kiyya ifi na eeggachiisa.
PSA 16:8 Mootiin Waan Maraa fuula kiyya dura akka naaf jiru, ani yennaa mara hin beeka. Inni midda kiyya waan jiruuf, ani hin raafamu.
PSA 16:9 Tanaaf, gadhaan kiyya hin gammada; arrabi kiyya hin ilillisa; nafi kiyyalle sodaa malee hin foorfata.
PSA 16:10 Ati addee worri du'e jirutti waan na hin lakkinneef, ati woyyicha keeti akka shamu hin gootu.
PSA 16:11 Ati daandii jiru'uu natti hin mudhitta; gammadi guutuun fuula keeti dura, wonni haga bara baraa nama gammachiisu harka keeti middicha keessa jira.
PSA 17:1 Ee Mootii Waan Maraa, gaaffii tiyya ta haqaa dhage'i; iyya tiyya caqasi. Gurra keeti gara daadimata kiyya ka soba hin te'inii deebifadhu.
PSA 17:2 Ilti teeti waan sirrii te'e waan dhaggituuf, muraan tiyya si biraa naa dhuttuu ti.
PSA 17:3 Gadhaa kiyya yoo qorqorte, halkaniin gara kiyya dhuttee, yoo haga na ilaalte, hammeenna na keessatti hin dhaggitu; afaan kiyyalle cubbuu hin dubbatu.
PSA 17:4 Jecha afaan keeti keessaa bayuuf ajajamee, waan namooti hujanu irraa, karaa isaan hunnaan nama irratti ka'anu irralle'ee, ifi eeggadheera.
PSA 17:5 Ideensi kiyya daandii teeti eegateera; miilli kiyyalle hin fallaanne.
PSA 17:6 Ee Waaqa, ati waan naa dhageettuuf, ani si waammadha; gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, jecha kiyya dhage'i.
PSA 17:7 Worra sitti baqatu, harka keeti middichaan diinota isaanii jalaa isaan ka baachu, jaalala keeti ka bara baraa san baasa godhii isaanitti mudhisi.
PSA 17:8 Akka ila teetii na eegi; bobaa teetii jalatti na dhossi.
PSA 17:9 Hamaaleyyii hunnaan na irratti ka'ane, diinota kiyya worra hamaa na marsane irraa na eegi.
PSA 17:10 Isaan gadhaa jabaataneeran; afaan ifiitiin koora dubbatan.
PSA 17:11 Isaan ari'anee na marsaneeran; lafatti gad na dhowiisaaf, ilaan na qabataneeran.
PSA 17:12 Isaan akka neenqa waan adanse kukkutatiisa fedhee, akka neenqa dardaraa ka riphee wo gaaduu ti.
PSA 17:13 Ee Mootii Waan Maraa ka'iitii, lolii isaan gad dhowi! Shallaagaa keetiin hamaaleyyii jalaa na baasi.
PSA 17:14 Mootii Waan Maraa, harka keetiin worra jiruu biyya lafaa tana keessatti waan barbaadanu mara qabanu jalaa na baasi. Ati rakkinna isaaniif kuucheen isaan adabi; rakkinni kun ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaaniitiifille akka te'u godhi.
PSA 17:15 Ani balchumma'aan fuula keeti hin ilaala; ani yennaa dammaqu, bifa keeti dhaggee hin quufa.
PSA 18:1 Ee Mootii Waan Maraa, ati jabeenna kiyya; ani si jaaladha.
PSA 18:2 Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya, waan itti golladhu; ka na baasulle'e. Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu; inni wontee tiyya; ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu; inni waan ani itti golladhu.
PSA 18:3 Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa hin waammadha; innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.
PSA 18:4 Wodaroon du'aa natti maratte; danbaliin badi'ii na bararassite.
PSA 18:5 Wodaroon qilee du'aa na xaxxee, tiyyoon du'aa na qabatte.
PSA 18:6 Rakkinna kiyya keessatti ani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe; akka na qarqaaruuf, Waaqa kiyyatti iyye. Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaa qoonqoo tiyya dhage'e; iyya tiyyalle caqase.
PSA 18:7 Mootiin Waan Maraa waan aareef, latti rommitee tachoote; hundeen gaarotaalle hargufamanee raafamane.
PSA 18:8 Funnaan isaa keessaa aarri baye; afaan isaa keessaa ibiddi luxub godhuu fi kashilli ibiddaa baye.
PSA 18:9 Inni ol-gubbaa dayyaasee gad bu'e; duumensi gurraachi miila isaa jala jiraayyu.
PSA 18:10 Inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'ee, koolaan ka'aa, koola qilleensaa irra tee'ee ariifatee dhufiisatti jira.
PSA 18:11 Inni dukkana gollaa ifii godhatee, dunkaaniin isaa adaala isaa jirtiiyyu; duumensi gurraachi bisaaniin guutame, isa marseera.
PSA 18:12 Calalaqa fuula isaa dura jiru keessaa, dhakaan bokkeyaatii fi kashilli ibiddaa duumensa dayyaasanee bayane.
PSA 18:13 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa mandi'e; Waaqi Ol Aanaan qoonqoo ifii dhageessise.
PSA 18:14 Inni daaya ifii darbatee diinota ifii bittinneesse; balaqqeessa balaqqeetti'iitiin gara itti goranu isaan wollaalchise.
PSA 18:15 Ee Mootii Waan Maraa, xixicha keetiin, dhowicha hafuura funnaan keetiitiin, dhooqoti abbaayaa jalaa mudhatane; hundeen lafaa marti qullaa hafane.
PSA 18:16 Inni gubbaa irraa gad hiixatee, na qabe; bisaan gugurdaa keessaa harkisee na baase.
PSA 18:17 Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf, inni diinota kiyya hunnaameyyii, worra na jibbu jalaa na baase.
PSA 18:18 Yennaa ani rakkadhe, isaan na irratti ka'ane; Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare.
PSA 18:19 Inni gara addee badho'oo na geessee, waan natti gammadeef, na baase.
PSA 18:20 Mootiin Waan Maraa akkuma balchummaa tiyyaatitti naaf godhe; inni waan ani yakkaa hin qanneef gatii naa kaffale.
PSA 18:21 Ani karaa Mootii Waan Maraa waan hordofeef, Waaqa kiyya irraa deebi'ee waan hantuu hin hunye.
PSA 18:22 Ani seera isaa mara muummesseera; seerata isaalle hin didane.
PSA 18:23 Ani isa duratti komii hin qabuuyyu; cubbuu irraalle ifi eeggadheera.
PSA 18:24 Mootiin Waan Maraa akkuma balchummaa tiyyaatitti, ani waan yakkaa hin qanneef gatii naa kaffale.
PSA 18:25 Ee, Mootii Waan Maraa, ati worra addatama'aaf, ka addatante; worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne.
PSA 18:26 Worra qulqullu'uuf, ati qulqullu'u; worra dabaalessaaf, akka daba isaaniititti gatii isaaniif kennita.
PSA 18:27 Ati worra gad ifi qabu hin baacha; worra kooru ammoo hin salphitta.
PSA 18:28 Ee Mootii Waan Maraa, ati ifa naaf hin issita; Waaqa kiyya, ati dukkana tiyya hin issita.
PSA 18:29 Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola; qarqaarsa Waaqaatiin dalleya gubba'aan utaaluu dande'a.
PSA 18:30 Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu; jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a; worra isatti baqatuuf, inni wonte'e.
PSA 18:31 Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu? Waaqa keenna malee rassaan eennu?
PSA 18:32 Jabeenna ka anaaf kennu, ka karaa naaf qajeelchu Waaqa.
PSA 18:33 Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa; gaarota gubbaa sodaa malee na dhaabbachiisa.
PSA 18:34 Guubee sageettu'uu hujuu akka dande'u, harka kiyyalle lolaaf hin leenjisa.
PSA 18:35 Wontee teeti ta fayyinnaa naa kennitee, harki keeti middichi na qarqaare; qarqaarsi keeti guddaa na godhe.
PSA 18:36 Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhitte; miilli kiyya hin mucucaanne.
PSA 18:37 Ani diinota kiyya ari'ee hin dhaqqaba; ani haga isaan balleessutti gara duubaa hin deebi'u.
PSA 18:38 Akka isaan dande'anee hin kaane, gad isaan hin dhowa; isaan miila kiyya jalatti hin jigan.
PSA 18:39 Ati lolaaf hunna naaf kennite; diinota kiyya irratti injifannoo naaf kennite.
PSA 18:40 Ati diinoti kiyya akka duubatti deebi'anu goote; ani worra na jibbu balleesse.
PSA 18:41 Isaan qarqaarsa gaafatiisaaf iyyane; ammoo nami tokkolle isaan hin qarqaarre. Isaan Mootii Waan Maraa waamane; inni ammoo deebii hin kennine.
PSA 18:42 Akka bukuu qilleensi afuufuu, ani isaan butuche; akka dhoqqee karaa keessaa, ani isaan irra sirbe.
PSA 18:43 Ati kolbaa na loltu jalaa na baattee, gosa biyya adda addaa irratti bulchaa na goote; kolbaan ani hin beenne na tajaajilti.
PSA 18:44 Isaan akkuma marroo tiyya dhage'aneen, naaf ajajaman; ormi gad naaf jedhan.
PSA 18:45 Isaan Sodaatanee addii kutatan; rommanee kushee jadduu ifii lakkisanee bayan.
PSA 18:46 Mootiin Waan Maraa jiraata'a! Rassaan kiyya leellifamuu ti! Waaqi fayyisaan kiyya jajamuu ti.
PSA 18:47 Inni Waaqa diinota kiyya haluu naa bayu; gosa biyya adda addaa harka kiyya jala galcha.
PSA 18:48 Inni diinota kiyya jalaa na baasa. Diinota kiyya irratti ol ol na qaba; kolbaa hunnaan na irratti kaatu jalalle'ee na baasa.
PSA 18:49 Tanaaf, Mootii Waan Maraa, gosa biyya adda addaa oddu'utti, ani si leellisa; Faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha.
PSA 18:50 Mootiin Waan Maraa mooticha mootii godheef, injifachaa kenna; ka ifii muude Daawitii fi sanyii isaatiif, jaalala ifii ka bara baraa itti mudhisa.
PSA 19:1 Ol-gubbaan ulfinnaa Waaqaa hinti; gubbaan hujii harka isaa lalladdi.
PSA 19:2 Guyyaan guyyaa itti aanutti kanuma dabarsa; halkanille halkan itti aanutti woma kana hima.
PSA 19:3 Dubbiin yookiin jechi hin jiru; qoonqoon isaanii hin dhage'antu;
PSA 19:4 Te'uu malee ergaan isaanii biyya lafaa duudi'itti baatee, haga qaccee biyya lafaa geetti. Inni adu'uuf gubbaa irratti dunkaanii dhaabe.
PSA 19:5 Aduun akka waajiba diinqa ifiitii gad bayuu baati; akkuma nami rukkee wol doggommi'ii rukkisu gammadaan rukkisu, aduun rukkee wol doggommi'ii rukkisiisaaf gammaddi.
PSA 19:6 Aduun dhuma qaccee gubba'aa taan irraa ol baatee, gara qaccee taanii qaxxaamurti; wonni o'a isi'ii duraa dhokatu hin jiru.
PSA 19:7 Seerri Mootii Waan Maraa dhidhuu hin qabu; lubbuu haaressa. Ajaji Mootii Waan Maraa addatama'a; nama gowwaa qaroo godha.
PSA 19:8 Seerri Mootii Waan Maraa sirri'i; gadhaa nama gammachiisa. Ajaji isaa ifa; Ila namaa bana.
PSA 19:9 Mootii Waan Maraa sodaatiis yaada qullicha; yaadi kun haga bara baraa jiraata. Muraan Mootii Waan Maraa marti dhuga'a; isiin yennaa mara haqa.
PSA 19:10 Worqii gatii guddo'oo caalaa, worqii baqisiisanee qulleessane caala'aayyuu gatii qaddi. Damma caalaa, nadhii dammaa caalaa mi'ootti.
PSA 19:11 Ani tajaajilaan keeti isi'iin gorfama; isii eegatiisaan gatii guddoo dhaggadha.
PSA 19:12 Ka dokonkora ifii dhaggu eennu? Cubbuu tiyya ta dhokatte irraa na qulqulleessi.
PSA 19:13 Cubbuu beekaa hujanu irraa na garbicha keeti eegi; akka isiin na mootu hin eeyyamin. Yoos ani ka komii hin qannee fi ka yakkaa guddoo hin qanne hin te'a.
PSA 19:14 Ee Mootii Waan Maraa, rassaa kiyyaa fi wodoo kiyya! Jechi afaan kiyyaatii fi yaadi gadhaa kiyyaa si duratti fudhatama qabaatanuu ti.
PSA 20:1 Guyyaa rakkinna keetii Mootiin Waan Maraa si'iif dhage'u! Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu!
PSA 20:2 Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaa qarqaarsa si'iif ergu; gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu.
PSA 20:3 Inni kennansa keeti mara fudhatee ciincaa keeti maratti gammaduu ti.
PSA 20:4 Inni halchaa gadhaa keetii sii kennu; yaada keeti mara sii guutu.
PSA 20:5 Yennaa ati injifatte nuuti gammadaan hin ilillinna; Waaqa keenna leellisiisaan baandiraa keenna ol kaafanna; Mootiin Waan Maraa waan ati gaafate mara si'iif guutu.
PSA 20:6 Mootiin Waan Maraa ka ifii muude akka qarqaaru ani hin beeka; inni ol-gubbaa woyyittii ifii keessaa deebii isaaf hin kenna; harka ifii middichaan injifachaa guddoo isaaf hin kenna.
PSA 20:7 Worri gariin garreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti, worri gariin fardoo ifiititti addata; nuuti ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna.
PSA 20:8 Isaan gufatanee hin jigan; nuuti ammoo kaanee jabaannee hin dhaabbanna.
PSA 20:9 Ee Mootii Waan Maraa! Mooticha injifachiisi! Yennaa nuuti si waammannu nuuf dhage'i!
PSA 21:1 Ee Mootii Waan Maraa, mootichi jabeenna keetiin gammada; injifachaa ati isaa kenniteen, gammadi isaa attam attam gudda'a!
PSA 21:2 Ati halchaa gadhaa isaa isaaf kenniteerta; waan inni si gaafate ati isa hin dhoogganne.
PSA 21:3 Eebba gudda'aan gara isaa waan dhutteef, mataa isaa irra kallacha worqii qullu'uu keetteerta.
PSA 21:4 Inni jiruu si gaafate; atille bara dheeraa haga bara baraa isaaf kennite.
PSA 21:5 Ati injifachaa waan isaaf kenniteef, ulfinni isaa guddaa te'e; ati ulfinnaa fi guddinna isaaf kennite.
PSA 21:6 Eebba bara baraa isaaf kennite; ati isa woliin waan jirtuuf, isa gammachiitta.
PSA 21:7 Mootichi Mootii Waan Maraatitti addata; sababa jaalala bara baraa ka Waaqa Ol Aana'aatiif, inni hin raafamu.
PSA 21:8 Harki keeti diinota keeti mara hin dhowa; harki keeti middichi worra si jibbu hin qaba.
PSA 21:9 Ati yennaa mudhattu, akka barbada ibiddaa isaan gudda. Mufii teetiin isaan hin fixa; ibiddi isaan luxub godha.
PSA 21:10 Ati sanyii isaanii lafa irraa, hiddaa fi hidaada isaanii ilmaan namootaa oddu'uu hin balleessita.
PSA 21:11 Isaan yoo hantuu si irratti yaadane, mala yoo sitti dhowane, isaaniif hin teetu.
PSA 21:12 Ati guubee teeti gara isaanii hin qadda, gara duubaa deebi'anee akka baqatanu hin goota.
PSA 21:13 Ee Mootii Waan Maraa, jabeenna keetiin ka'i! Nuuti faarfannee hunna teeti hin leellinna.
PSA 22:1 Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte? Ati maaf na qarqaariisa irraa, jecha aadiisa kiyyaa irraa fagaatte?
PSA 22:2 Waaqa kiyya, ani guyyaa gara keeti iyya, ati ammoo naaf hin deebittu; halkanille hin iyya, ammoo foora hin dhaggadhu.
PSA 22:3 Te'uu malee ati Waaqa woyyicha. Leellisi worra Israa'elii barcumaa mootumma'aa keeti marsa.
PSA 22:4 Abbootiin teenna ta durii sitti addatte; isaan si addatanee, atille isaan baache.
PSA 22:5 Isaan gara keeti iyyanee bayane; sitti addataneelle hin fokkifanne.
PSA 22:6 Ani ammoo corroqa malee namaa moti; namooti natti murgan; kolbaalle na tuffatti.
PSA 22:7 Ka na dhaggu marti natti murga; isaan arraba baasanee mataa natti raasaa,
PSA 22:8 «Inni Mootii Waan Maraatitti addateeraa, inni isa hamburuu ti me! Inni waan isa jaalatuuf, isa baasuu ti me!» naan jedhan.
PSA 22:9 Ati nageyaan akka dhaladhu na gootee, harma haadha tiyyaa irralle'etti na eedde.
PSA 22:10 Gadaamessa haadha tiyyaatii jalqabee ka na eege si'i; gadhaa haadha tiyyaatii jalqaddee ati Waaqa kiyya teeteerta.
PSA 22:11 Rakkinni na dhaqqabiisaaf waan dhikaateef, ka na qarqaarulle waan hin jirreef, na irraa hin fagaatin.
PSA 22:12 Diinoti hedduun akka korommi'ii na marsaneeran; worri jajjaboon akka korommii Baashaanii na naannessaneeran.
PSA 22:13 Akka neenqa waan adanse kukkutataa dhangaa dhowuu, isaan afaan ifii natti banan.
PSA 22:14 Hunni tiyya akka bisaanii jiddeerti; mitikaan lafee tiyyaa marti gargar bayeera. Gadhaan kiyya akka gaga'aa na baqeera.
PSA 22:15 Afaan kiyya akka basso'oo gogee, arrabi kiyyalle laagada'atti na qabate; ati akka nama du'ee bukuu keessa na irkitte.
PSA 22:16 Worri akka sare'ee na marse; goliin worra hantuu hujuu na naannessanee, harka kiyyaa fi miila kiyya woraananee fullaasane.
PSA 22:17 Ani huqqadhee lafeen tiyya mudhatte; diinoti kiyya ila natti qabanee na ilaalane.
PSA 22:18 Woyaa tiyya qoqoodamanee, ruufa kiyyatti hixaa buufatane.
PSA 22:19 Ee Mootii Waan Maraa kiyya, ati ammoo na irraa hin fagaatin! Ee qarqaaraa kiyya, na qarqaariisaaf ariifadhuu koy!
PSA 22:20 Lubbuu tiyya shallaagaa jalaa, jiruu tiyya hunna saroolee tanaa jalaa baasi.
PSA 22:21 Afaan neenqaa jalaa na hamburi; gaafa gafarsaa jalaa na baasi.
PSA 22:22 Ani guddinna maqaa keetii kolbaa tiyyatti hin hima; wolde'a gumii isaanii keessatti ani si hin leellisa.
PSA 22:23 Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu, isa leellisa'a! Isin sanyiin Yaaqoobii marti, isa ulfeessa'a! Isin kolbaan Israa'elii marti, isa saadadha'a!
PSA 22:24 Inni nama rakkate hin tuffanne; inni fuula ifiille isa irraa hin deebifanne; ammoo yennaa inni gara isaa iyye isaaf dhage'e.
PSA 22:25 Waan ati hujjeef, gumii guddoo keessatti ani si leellisa; worra si sodaatu duratti waan waadaa gale ani si'iif hin kenna.
PSA 22:26 Worri hiyyeeyyiin nyaatanee hin quufan; worri Mootii Waan Maraa barbaadu, isa hin leellisan. Baruma baraan gadhaan keessan gammadaan le'uu ti!
PSA 22:27 Kolbaan lafa irraa marti qaabattee gara Mootii Waan Maraa hin deebiti; maatiin gosa biyya adda addaa marti isaaf hin sagaddi.
PSA 22:28 Baalliin ta Mootii Waan Maraa waan te'eef, inni gosa biyya adda addaa hin bulcha.
PSA 22:29 Worri dureeyyiin marti isaaf hin sagadan; nami foon uffate marti isa duratti hin jilbiiffatan.
PSA 22:30 Dhalooti hegerii isa hin tajaajilan; dhaloota dhufutti marroon waan Mootii Waan Maraa itti hin himama.
PSA 22:31 Isaan dhufanee hujii balchummaa isaa lassaa, balchummaa inni huje worra amma hin dhalatiniif hin himan.
PSA 23:1 Mootiin Waan Maraa tissee kiyya; ani womaa hin dhabu.
PSA 23:2 Inni marra bisilee keessatti akka ani foorfadhu godha; gara bisaan dansa'aa na geessa.
PSA 23:3 Inni jabeenna haareya naa kenna; maqaa ifiitiif jedhee daandii balchaa irra na sooressa.
PSA 23:4 Ani dhooqa gaaddisa du'aa keessa yoo ideemelle, ati waan na woliin jirtuuf, Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu. Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
PSA 23:5 Adoo diinoti kiyya dhagganuu, ati nyaata naaf qopheessita. Mataa kiyya zayitii ejersaa muudda; muduunuun tiyyalle guuttee irraa dhangalaati.
PSA 23:6 Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara, dansummaan teetii fi marartiin teeti na gula deeman; bara le'ii tiyyaa mara mana Mootii Waan Maraa keessa hin le'a.
PSA 24:1 Lafaa fi wonni lafa irra jiru marti ka Mootii Waan Maraa ti; biyyi lafaatii fi worri isii keessa le'u marti ka isaa ti.
PSA 24:2 Inni lafa hundee abbaaya'aa irra keye, bisaan irra isii jabeessee dhaabe.
PSA 24:3 Gara kooba Mootii Waan Maraa ka ol bayu eennu? Dunkaanii isaa woyyittii keessa ka dhaabbatu eennu?
PSA 24:4 Nama harka qulqullu'uutii fi gadhaa qullu'uu, ka waaqota dharaa hin waaqonfanne, ka sobaan hin kakanne qofa.
PSA 24:5 Inni Mootii Waan Maraa biraa eebba, Waaqa fayyisaa biraa balchummaa hin dhaggata.
PSA 24:6 Dhalooti isa barbaadu isaan kana; ee Waaqa Yaaqoobii, worri fuula keeti barbaadu isaanuma kana.
PSA 24:7 Mootiin ulfinnaa akka seenu, Ee Karra, gara maraan banama'a! Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a!
PSA 24:8 Mootiin ulfinnaa kun eennu inni? Inni Mootii Waan Maraa jaba'aa fi janna; inni Mootii Waan Maraa ka lolaan jaba'aa ti.
PSA 24:9 Mootiin ulfinnaa akka seenu, Ee karra, gara maraan banama'a! Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a!
PSA 24:10 Mootiin ulfinnaa kun eennu inni? Inni Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, mootii ulfinnaa ti.
PSA 25:1 Ee Mootii Waan Maraa, lubbuun tiyya ol gara keeti yaaddi;
PSA 25:2 Ee Waaqa kiyya, ani sitti addadha. Akka fokkifadhu na hin godhin; diinoti kiyya natti hin gammadin.
PSA 25:3 Worri addii sitti godhatu hin fokkifatu; worri si'iif hin addatanne ammoo hin fokkifatan.
PSA 25:4 Ee Mootii Waan Maraa, karaa keeti akka beeku na godhi; daandii teeti na barsiisi.
PSA 25:5 Ati Waaqa fayyisaa kiyya waan teeteef, dhugaa teetiin na sooressii, na barsiisi; ani yennaa mara addii si godhadha.
PSA 25:6 Ee Mootii Waan Maraa, marartii teetii guddo'oo fi jaalala keeti ka bara baraa, ka durii jalqaddee mudhitte yaadadhu.
PSA 25:7 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansaa waan teeteef, akka jaalala keeti ka bara baraatitti naa yaadadhu malee, cubbuu dargaggummaa tiyyaa yookiin yakkaa tiyya hin yaadatin.
PSA 25:8 Mootiin Waan Maraa dansa'aa fi balchaa waan te'eef, inni cubbaaleyyii daandii ifii barsiisa.
PSA 25:9 Inni worra gad ifi qabu haqaan sooressaa, karaa ifiille isaan hin barsiisa.
PSA 25:10 Worra gondooroo isaatii fi ajaja isaa eegatanuuf, Mootiin Waan Maraa jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa hin mudhisa.
PSA 25:11 Yakkaan tiyya bacaa waan teeteef, ee Mootii Waan Maraa, maqaa keetiif jedhii naaf araarami.
PSA 25:12 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu eennu? Mootiin Waan Maraa karaa inni filatu'uu male isa hin barsiisa.
PSA 25:13 Inni jiruu dansaa hin jiraata; sanyiin isaalle lafa hin dhaalti.
PSA 25:14 Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu dhossaa ifii itti hima; inni gondooroo ifii akka isaanitti beekkantu hin godha.
PSA 25:15 Mootiin Waan Maraa miila kiyya tiyyoo keessaa waan baasuuf, ilti tiyya yennaa mara gara isaa ilaalti.
PSA 25:16 Ani qofuu waan jiruuf, cunqurfamaalle waan te'eef, fuula keeti gara kiyya deebifadhuu, naaf mararfadhu.
PSA 25:17 Rakkinni kiyya bindilla'a; farra tiyya jalaa na baasi.
PSA 25:18 Rakkinnaa fi farra tiyya ilaali; cubbuu tiyya mara naa araarami.
PSA 25:19 Diinoti kiyya attam attam akka bacatanu ilaali; attam akka isaan na jibbanulle ilaali.
PSA 25:20 Na eegi; na baasi; Ani waan sitti baqadheef, akka ani fokkifadhu na hin godhin.
PSA 25:21 Ani addi'iin waan si eegadhuuf, addatamumma'aa fi qajeelummaan na eeganuu ti;
PSA 25:22 Ee Waaqa, rakkinna isi'ii mara keessaa kolbaa Israa'elii wodi.
PSA 26:1 Ani komii tokko malee, sitti addadhee raafama malee waan le'eef, Ee Mootii Waan Maraa, naaf muri.
PSA 26:2 Ee Mootii Waan Maraa, na qorqori, hagalle na ilaali; gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori.
PSA 26:3 Jaalalli keeti ka bara baraa ila tiyya dura jira; anille dhugaa teetiin hin ideema.
PSA 26:4 Ani sobaaleyyii woliin hin tee'u; worra kijiboolee jaala hin godhadhu.
PSA 26:5 Ani yaa'ii worra hantuu hujuu hin jibba; hamaaleyyii wolille'een hin tee'u.
PSA 26:6 Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf, harka dhiqadha; Ee Mootii Waan Maraa, addee ciinca'aa teeti cinaa mara.
PSA 26:7 Faaruu galataa guddisee faarfataa, hujii maade'ee teeti hin odeessa.
PSA 26:8 Ee Mootii Waan Maraa, mana keeti addee ati leetu, addee ulfinni keeti jiru, ani hin jaaladha.
PSA 26:9 Lubbuu tiyya cubbaaleyyii woliin, jiruu tiyya worra dhiiga namaa dhangalaasu woliin hin balleessin.
PSA 26:10 Harka worra akkasii keessa karoora hama'atti jira; harka isaanii middicha keessa safu'utti guuteera.
PSA 26:11 Ani ammoo komii malee le'a; na wodi; na mararfadhu.
PSA 26:12 Miilli kiyya lafa wol qixxee irra dhaabbateera; gumii guddoo keessatti ani Mootii Waan Maraa leellisa.
PSA 27:1 Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya; ani eennu sodaadha ree? Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti; eentu na sodaachisa ree?
PSA 27:2 Worri hamaaleyyiin foon kiyya nyaatiisaaf yennaa natti dhufanu, diinoti kiyyaa fi nyaapholeen tiyya yennaa na lolanu, isaanuu gufatanee hin jigan.
PSA 27:3 Loltooti duudiin na marsanulle, ani hin sodaadhu; lolli yoo natti ka'elle, ani Mootuma Waan Maraa addadha.
PSA 27:4 Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha; isiille dhaggatuu barbaada: bara jiruu tiyyaa mara mana Mootii Waan Maraa keessa akka le'u, dansummaa isaa akka dhaggu, Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti akka isa barbaadadhu.
PSA 27:5 Inni guyyaa rakkinnaa mana ifii keessatti na hin eega; Dunkaanii Woyyittii ifii keessatti na hin dhossa; rassaa irratti ol na hin baasa.
PSA 27:6 Achiin duuba diinota na marsaneeranu irratti mataan kiyya ol hin jedha; gammadaa ilillisaa addee dunkaanii isaatitti, ciincaa isaaf hin dhikeessa; faarfataa, Mootii Waan Maraa hin leellisa.
PSA 27:7 Ee Mootii Waan Maraa, ani yennaa si waamu, naa dhage'i; naa marariitii, daadimata kiyya naa dhage'i.
PSA 27:8 Gadhaan kiyya, «Fuula isaa barbaadi» naan jedhe; ee Mootii Waan Maraa, ani fuula keeti barbaada.
PSA 27:9 Fuula keeti na hin dhossin. Ati aari'iin ana tajaajilaa keeti ifi irraa hin fageessin; ati qarqaarsa naaf teeteerta. Ee Waaqa fayyisaa kiyya, na hin gatin; na hin lakkisin!
PSA 27:10 Abbaan kiyyaa fi haati tiyya yoo na lakkisanelle Mootiin Waan Maraa kiyya na hin fudhata.
PSA 27:11 Ee Mootii Waan Maraa, karaa keeti na barsiisi; ani diinota hedduu waan qabuuf, daandii qajeelaa irra na sooressi.
PSA 27:12 Dhugaa baatoti dharaa hunnaan waan na irratti ka'aneef, fedhii diinota kiyyaatiif dabarsitee na hin kennin.
PSA 27:13 Lafa worra jiraata'aa keessatti dansummaa Mootii Waan Maraa akka dhaggu hin addadha.
PSA 27:14 Mootii Waan Maraa eegadhu; jabaadhu; addii hin kutatin; Mootii Waan Maraa eegadhu.
PSA 28:1 Ee Mootii Waan Maraa, ani si waammadha; rassaa kiyya, ati na jalaa hin cadhisin! Ati yoo na jalaa cadhitte, ani akka worra boolla awwaalaatitti gad bu'ee hin te'a.
PSA 28:2 Qarqaarsa dhaggatiisaaf, harka kiyya gara addee woyyittii woyyootaa teetii ol kaasee, yennaa ani gara keeti iyyu, daadimata kiyya naaf dhage'i.
PSA 28:3 Worra hamaaleyyii, ka waan hantuu huju woliin na hin harkisin! Isaan ollaa ifii woliin afaaniin dubbii nageyaa dubbatan; gadhaa ifii keessatti ammoo waan hantuu yaadan.
PSA 28:4 Ati akka hujii isaaniititti, akka hujii hantuu isaaniititti gatii isaaniif kenni; Akka hujii harka isaaniititti isaaniif kenni; adabbii isaaniif malte isaaniif kenni.
PSA 28:5 Isaan hujii Mootii Waan Maraa yookiin hujii harka isaa waan hin ilaalleef, inni isaan hin diiga malee, deebi'ee isaan hin ijaaru.
PSA 28:6 Iyya tiyya waan dhage'eef, Mootiin Waan Maraa leellifamu.
PSA 28:7 Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya; wontee tiyyalle'e; ani isatti addadha. Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef, ani faaru'uun isa hin galateessa.
PSA 28:8 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna isaanii ti; ka ifii muudeef kushee fayyinnaa ti.
PSA 28:9 Ee Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti baasi; worra keeti te'ane eebbisi; tissee isaanii te'iitii, haga bara baraa isaan ba'adhu.
PSA 29:1 Isin ergantooti Waaqaa, ulfinnaa fi hunna Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 29:2 Ulfinna maqaa isaatiif, Mootii Waan Maraa leellisa'a; Arnya woyyummaa isaatiif, Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a.
PSA 29:3 Qoonqoon Mootii Waan Maraa abbaayaa guddittii irraa dhage'anti; Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraa abbaayaa irraa mandi'a.
PSA 29:4 Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti'i; qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti'i.
PSA 29:5 Qoonqoon Mootii Waan Maraa hindheensa caccassiti; Mootiin Waan Maraa hindheensa Libaanoniituu hin caccassa.
PSA 29:6 Inni gaara Libaanonii akka jabbi'ii, gaara Siiriyoniille akka ilmee gafarsaa hin burraassisa.
PSA 29:7 Qoonqoon Mootii Waan Maraa balaqqeettii balaqqitti.
PSA 29:8 Qoonqoon Mootii Waan Maraa goomolee tachootti; Mootiin Waan Maraa goomolee Qaadeshii hin tachoosa.
PSA 29:9 Qoonqoon Mootii Waan Maraa qilxaan akka hargufamu gooti; baala muka badda'aa hin harcaatti; worri addee inni jiruu martinuu, «Ulfinni Mootii Waan Maraatiif te'u!» jedhan.
PSA 29:10 Mootiin Waan Maraa qilee abbaaya'aalle bulcha; Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha.
PSA 29:11 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna; nageyalle'een isaan eebbisa.
PSA 30:1 Ee Mootii Waan Maraa, ati qilee keessaa na baattee, diinoti kiyya na irratti akka hin gammanne waan gooteef, ani guddisee si galateeffadha.
PSA 30:2 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, akka na qarqaartuuf gara keetti iyyee, atille na fayyitteerta.
PSA 30:3 Ee Mootii Waan Maraa, ati lubbuu tiyya boolla awwaalaa keessaa baatteerta; akka ani boollatti gad hin buune na hamburteerta.
PSA 30:4 Isin worri isaaf addatantane, Mootii Waan Maraa faaru'uun leellisa'a; maqaa isaa woyyichalle, galateessa'a.
PSA 30:5 Aariin isaa yennaa diqqoo qofa; tolli isaa ammoo bara jiru'uu mara. Halkan bowaa yoo bulane, ganama ammoo ililleessi hin te'a.
PSA 30:6 Yennaa natti tole, ani ifiin, «Ani ijjumaa hin raafamu» jedhe.
PSA 30:7 Ee Mootii Waan Maraa, arnya keetiin, akka gaara jabaa tokkoo na goote; yennaa fuula keeti na duraa dhossite ammoo guddoo sodaadhe.
PSA 30:8 Ee Mootii Waan Maraa, ani si waammadhee, akka na marartuuf si gaafadhee,
PSA 30:9 «Du'a tiyya irraa maan dhaggatta? Ani yoo boollatti gad bu'e bu'aan maan? Worri du'eeru si hin leellisaa? Isaan addatamummaa teeti hin himanii?
PSA 30:10 Mootii Waan Maraa, naa dhage'i; naa marari; Mootii Waan Maraa, na qarqaar» jedhe.
PSA 30:11 Ati gadda kiyya gara sirbaatitti jijjiirte; woyaa gaddaa na irraa fuutee, gammada natti uffitte.
PSA 30:12 Yoona, ani hin cadhisu; faaru'uun si leellisa. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani haga bara baraa si galateessa.
PSA 31:1 Ee Mootii Waan Maraa, ani sitti baqadheera; ani ijjumaa hin fokkifatin; balchummaa teetiin na baasi.
PSA 31:2 Gurra keeti gara kiyya deebifadhu; ariifadhuu na baasi. Rassaa ani itti baqadhu, na baasiisaaf, kushee jadduu naaf te'i.
PSA 31:3 Ati rassaa kiyyaa fi kushee tiyya; maqaa keetiif jedhii na sooressi; naan duralle deemi.
PSA 31:4 Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef, tiyyoo diinoti naaf afane jalaa na baasi.
PSA 31:5 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa addatama'a, ati na wodatteerta; anille lubbuu tiyya harka keetitti kennadha.
PSA 31:6 Ani worra waaqota dharaa waaqonfatu hin jibba; ammoo Mootii Waan Maraatitti hin addadha.
PSA 31:7 Sababa jaalala keeti ka bara baraatiif, ani gammadee hin ilillisa. Ati farra tiyya dhaggiteerta; rakkoo tiyyalle beetteerta.
PSA 31:8 Ati harka diinotaatitti dabarsitee na hin kennine; miila kiyya ammoo addee badhoo dhaabbachiitte.
PSA 31:9 Ee Mootii Waan Maraa, ani rakkatiisatti waan jiruuf, naa marari; bowa guddo'oon ilti tiyya dadhaddeerti; lubbuun tiyyaa fi nafi kiyyalle gaddaan dadhabeera.
PSA 31:10 Barri jiruu tiyyaa gaddaan, woggaan tiyya aadiisaan dabaraneeran; sababa rakkoo tiyyaatiif hunna dhabe; lafeen tiyyalle dadhadde.
PSA 31:11 Diinoti kiyya marti natti murgane; ollaan kiyyalle irra caalaa natti murge; worri na beeku natti fokkifata; worri karaa irratti na dhaggu na irraa baqata.
PSA 31:12 Akka nama du'ee dedhame; akka okkotee caddee te'e.
PSA 31:13 Ani hasaassaa nama heddu'uu waan dhage'uuf, adaala kiyya mara soda'atti jira. Isaan wolitti qabamanee na irratti mari'atan; na ijjeesiisaafille mala dhowan.
PSA 31:14 Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo si'itti addadha; «Ati Waaqa kiyya» jedha.
PSA 31:15 Ani yennaa mara harka keeti keessa jira; harka diinota kiyyaatii fi worra na ari'u jalaa na baasi.
PSA 31:16 Fuulli keeti ana tajaajilaa keetitti ifuu ti; jaalala keeti ka bara baraatiin na baasi.
PSA 31:17 Ee Mootii Waan Maraa, ani waan si waammadheef, akka fokkifadhu na hin godhin. Worri hamaaleyyiin fokkifatuu ti; gara addee worri du'e jirutti gad bu'anee cadhisanuu ti.
PSA 31:18 Afaan dharaamessi kooraa fi tuffi'iin nama balchaa irratti dubbatu cadhisuu ti.
PSA 31:19 Wonni dansaan ta ati worra si sodaatuuf massite, dansummaan ta ati ilmaan namootaa duratti, worra sitti baqatuuf mudhitte, attam attam guddo'o!
PSA 31:20 Ati mala nami dhowu duraa bobaa teeti jalatti, jechoota hamaa duraa dunkaanii teeti keessatti isaan dhossita.
PSA 31:21 Yennaa ani qachaa marfame keessa jiru Mootiin Waan Maraa jaalala ifii ka bara baraatiin waan na jaalateef, inni leellifamu.
PSA 31:22 Ani yennaa rifadhe, «Fuula keeti duraa gatameera» jedheeraayyu. Ati ammoo yennaa ani gara keeti iyye, iyya tiyya naa dhageette.
PSA 31:23 Isin worri isaaf woyyoontane marti, Mootii Waan Maraa jaaladha'a. Mootiin Waan Maraa worra addatamaa hin eega; worra kooru ammoo ijjumaa hin adaba.
PSA 31:24 Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti, jabaadha'a; jajjabaadha'a.
PSA 32:1 Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef, ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade.
PSA 32:2 Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne, ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade.
PSA 32:3 Ani yennaa cubbuu tiyya faaci'atuu dhabe, guyyaa guutuu aada.
PSA 32:4 Ati halkanii fi guyyaa na adadde; akka waan o'i bonaa gossee, hunni tiyya na keessaa godde.
PSA 32:5 Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase; yakkaa tiyyalle hin dhoffanne. Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe; atille cubbuu tiyya naaf araarante.
PSA 32:6 Tanaaf, nami addatamaan marti gara keeti daadimatuu ti. Rakkinni akka lolaa jaba'aa yennaa dhufe, isa hin dhaqqabu.
PSA 32:7 Ati addee ani itti dhokadhu; ati rakkinna irraa na eedda. Ati ililleettii worra bayiisa kiyyatti firinxiixuun na marsite.
PSA 32:8 Mootiin Waan Maraa, «Ani karaa ati deemu'uu malte si hubachiisee si barsiisa; si gorsa; si toowadha.
PSA 32:9 Ati akka fardaa fi gaange'ee, ka wo hin beennee hin te'in! Bixaalaa fi lugaamaan ifitti yoo harkitte malee, isaan sitti hin dhikaatanu» jedhe.
PSA 32:10 Farri worra cubbaaleyyi'ii heddu'u; nama Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo jaalalli isaa ka bara baraa isa hin marsa.
PSA 32:11 Isin balchooleen Mootii Waan Maraatiin gammada'aa ilillisa'a! Isin worri gadhaa qajeela'aa ilillisa'a.
PSA 33:1 Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a. Worri qajeelaan isa leellisuu barbaachisa.
PSA 33:2 Maasinqo'oon Mootii Waan Maraa leellisa'a! Kiraara guddicha ribuu kudhaniitiin isaaf faarsa'a.
PSA 33:3 Faaruu haareya isaaf faarsa'a; kiraara guddicha akka dansaa dhowa'a; gammadaan, «Ilili!» jedha'a.
PSA 33:4 Jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a; Mootiin Waan Maraa hujii ifii maraan addatama'a.
PSA 33:5 Mootiin Waan Maraa balchumma'aa fi haqa jaalata; Latti jaalala isaa ka bara baraatiin guutanteerti.
PSA 33:6 Ol-gubbaan jecha Mootii Waan Maraatiin, aduun, ji'aa fi urjooti ajaja isaatiin dadamane.
PSA 33:7 Inni bisaan abbaaya'aa addee tokkotti wolitti qaba; abbaayaa gugurdoo qilee te'ane addee itti kuufamanutti kuusa.
PSA 33:8 Biyyi lafaa marti Mootii Waan Maraa sodaattuu ti; kolbaan biyya lafaa marti isaaf sheephittuu ti.
PSA 33:9 Inni dubbate, wonni inni dubbatelle dadante; inni ajaje, wonni inni ajajelle teete.
PSA 33:10 Mootiin Waan Maraa karoora gosa biyya adda addaa hin diiga; inni yaadi kolbaa heddu'uu hujii irra akka hin oolle godha.
PSA 33:11 Karoorri Mootii Waan Maraa ammoo bara baraan jabaatee dhaabbata; yaadi isaalle dhaloota irraa gara dhalootaa dabara.
PSA 33:12 Gosi Waaqi Mootii Waan Maraa te'eef, kolbaan inni ifiif filate gammadduu ti.
PSA 33:13 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa gad ilaala; inni nama duudii dhagga.
PSA 33:14 Barcumaa mootummaa ifii irraa inni worra lafa irra jiru mara dhagga.
PSA 33:15 Inni ka qalbii isaanii mara dade, waan isaan hujanu mara hin beeka.
PSA 33:16 Mootiin loltoota ifii guddo'oon hin bayu; jannille jabeenna ifii gudda'aan hin miliqu.
PSA 33:17 Fardi lolaa injifatiisaaf addii bu'aa hin qanne; jabeenni guddaan isaalle nama baasuu hin dande'u.
PSA 33:18 Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu, worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti.
PSA 33:19 Inni du'a irraa isaan hambura; bara beelaalle jiru'uun isaan eega.
PSA 33:20 Lubbuun teenna addi'iin Mootii Waan Maraa eegatti; inni qarqaaraa keenna; wontee teennalle'e.
PSA 33:21 Maqaa isaa woyyichatti waan addannuuf, gadhaan keenna isatti gammada.
PSA 33:22 Ee Mootii Waan Maraa, akkuma nuuti addii si godhane, jaalalli keeti ka bara baraa nu irratti te'uu ti.
PSA 34:1 Ani yennaa mara Mootii Waan Maraa hin leellisa; isa saadiisille yennaa mara afaan kiyyaa hin bu'u.
PSA 34:2 Ani Mootii Waan Maraatiin ifi jaja; worri cunqurfame dhage'ee gammaduu ti.
PSA 34:3 Na woliin guddinna Mootii Waan Maraa odeessa'a; maqaa isaa tokkumma'aan leellinnuu ti.
PSA 34:4 Ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee, innille deebii naa kenne; waan sodaadhu mara jalaa na baase.
PSA 34:5 Worri gara isaa ilaalu, fuulli isaanii hin ifa; isaan hin salphatanu.
PSA 34:6 Namichi rakkataan kun isa waame, Mootiin Waan Maraalle isaaf dhage'e; rakkinna isaa mara keessaa isa baase.
PSA 34:7 Ergamaan Mootii Waan Maraa adaala worra isa sodaatuu hin qubata; inni balaa jalaa isaan hin baasa.
PSA 34:8 Mootiin Waan Maraa attam attam dansaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a; nami isatti baqatu ka gammade.
PSA 34:9 Worri Mootii Waan Maraa sodaatu womaa waan hin dhanneef, isin worri isaaf woyyoontane, Mootii Waan Maraa sodaadha'a.
PSA 34:10 Dardarooti neenqaatuu dhabanee hin beelotan; worri Mootii Waan Maraa barbaadu ammoo waan dansaa hin dhabu.
PSA 34:11 Ee ijoolle! Gara kiyya kowa'aatii, na caqasa'a; ani Mootii Waan Maraa sodaatiisa isin hin barsiisa.
PSA 34:12 Ka jiruu jaalatu, waan dansaa dhaggiisaafille bara hedduu ka halchu eennu?
PSA 34:13 Arraba keeti waan hantuu irraa, hidhii teeti soba dubbatiisa irraa eegadhu.
PSA 34:14 Waan hantuu irraa fagaadhuutii, waan dansaa godhi; nageya barbaadiitii, gula deemi.
PSA 34:15 Ilti Mootii Waan Maraa gara balchoole'ee ilaalti; gurri isaalle iyya isaanii caqasa.
PSA 34:16 Mootiin Waan Maraa worra waan hantuu huju hin morma; lafa irratti akka isaan hin qaabatanne godha.
PSA 34:17 Yennaa balchooleen gara isaa iyyitu, Mootiin Waan Maraa isaaniif hin dhage'a; inni rakkinna isaanii mara keessaa isaan hin baasa.
PSA 34:18 Mootiin Waan Maraa worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira; inni worra addii kutateeru hin baasa.
PSA 34:19 Rakkoon balcha'aa baca'a; Mootiin Waan Maraa ammoo waan mara keessaa isa hin baasa.
PSA 34:20 Inni lafee isaa mara hin eega; lafee isaa keessaa takkaalle hin caddu.
PSA 34:21 Hammeenni nama hamaa hin ijjeesa; worra nama balchaa jibbu yakkaan itti hin muranti.
PSA 34:22 Mootiin Waan Maraa jiruu tajaajiltoota ifii hin woda; worra gara isaa baqatu keessaa tokkolle'etti yakkaan itti hin murantu.
PSA 35:1 Ee Mootii Waan Maraa, worra natti ka'u irratti ka'i; worra na lolu loli.
PSA 35:2 Wontee teetii fi meya lolaa keeti fudhadhuu na qarqaariisaaf koy.
PSA 35:3 Worra na ari'utti ebo'oo fi urdee teeti fudhadhuutii, lubbuu tiyyaan, «Ani fayyisaa keeti» jedhi.
PSA 35:4 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu fokkifatee qaanowuu ti. Worri mala natti dhowu gara duubaa deebi'ee salphatuu ti.
PSA 35:5 Ergamaan Waaqaa isaan ari'uun, akka huura qilleensi afuufuu te'anuu ti.
PSA 35:6 Ergamaan Mootii Waan Maraa isaan ari'uun karaan isaanii dukkanaa fi mucucoo te'uu ti.
PSA 35:7 Isaan sababa tokko malee tiyyoo dhossa'aan naaf afanee, na qabiisaaf boolla qotaneeran.
PSA 35:8 Adoo hin beekin badiin isaan irratti dhuttuu ti. Tiyyoon isaan dhossane isaanuma qadduu ti; Boolla qotane keessa bu'anee badanuu ti.
PSA 35:9 Lubbuun tiyya Mootii Waan Maraatiin hin gammaddi; fayyisiisa isaatiin gammaddee firinxiixxi.
PSA 35:10 Gadhaa kiyya tokkochaan, «Ee Mootii Waan Maraa, dadhaboolee worra guddoo jajjabaa harkaa, dadhaboole'ee fi hiyyeeyyiille saantota harkaa ka baasu ka akka keetii eennu?» jedha.
PSA 35:11 Dhugaa baatoti dharaa natti ka'ane; marroo waan ani hin beennee na gaafatane.
PSA 35:12 Qofi-galeessa na godhanee waan dansaa ani godheef, hantuu naaf deebisane.
PSA 35:13 Ani ammoo yennaa isaan dhibamane, woyaa gaddaa uffadhe; laamiisaan ifi rakkise; daadimati kiyyalle deebii dhabee,
PSA 35:14 akka waan jaalaaf yookiin obboleessaaf gadduutitti gadde; akka nama haadha ifiitiif bowuu, mataa gad qabadhee bowe.
PSA 35:15 Yennaa ani gufadhe ammoo, isaan gammadane; dedhuma dhufanee sababa malee arrabaan na kukkutane.
PSA 35:16 Akkuma worri Waaqa malee le'u godhu, natti murgane; ilkaan natti ciniinnatane.
PSA 35:17 Ee Gootta'a, haga yoomii cadhittee na ilaalta? Worra na miidhu, ka akka neenqaa kana jalaa na baasi.
PSA 35:18 Achiin duuba ani kolbaa teeti keessatti si hin galateeffadha; kolbaa bacaa keessatti si hin leellifadha.
PSA 35:19 Worri akkasumaan diina natti te'u, natti hin gammadin; worri akkasumaan na jibbu na irratti ilaan wolitti hin qiphifatin.
PSA 35:20 Isaan dubbii nageyaa hin dubbatanu; worra biyya keessa nageyaan le'u irratti dubbii dharaa yaadanee qopheessan.
PSA 35:21 Isaan, «Baga waan ati hujje dhaggine!» jedhaa, afaan natti banan.
PSA 35:22 Ee Mootii Waan Maraa, ati tana dhaggiteerta, hin cadhisin! Ee Gootta'a, na irraa hin fagaatin!
PSA 35:23 Ee Gootta'a, Waaqa kiyya dammaqi! Na irraa dhooggiisaaf ka'i! Haajaa kiyyaaf loli.
PSA 35:24 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya, balchummaa teetiin naaf muri; diinoti kiyya natti hin gammadin.
PSA 35:25 Isaan, «Halchaa gadhaa keennaa baga dhagganne! Nuuti ijjumaa isa balleessineerra» hin jedhin.
PSA 35:26 Worri rakkinna kiyyatti gammadu marti fokkifatanee qaanowanuu ti; worri na irratti ifi saadu marti fokko'oo fi salphinna uffatuu ti.
PSA 35:27 Worri muraa haqaa dhaggatiisa kiyyatti gammadu marti gammadaan ilillisanuu ti; isaan «Mootiin Waan Maraa gudda'a! Inni yennaa tajaajilaan nageya dhaggatu hin gammada!» jedhanuu ti.
PSA 35:28 Arrabi kiyya balchummaa teetii dubbataa, guyyaa guutuu si hin leellisa.
PSA 36:1 Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessatti hammeenna akka yaadatu gooti; Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu.
PSA 36:2 Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine, ifumaan ifi sossoba.
PSA 36:3 Dubbiin afaan isaa hammeennaa fi dharaan guutanteerti; inni qarumma'aan hujiisaa fi waan dansaa godhiisa lakkiseera.
PSA 36:4 Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata; karaa hamaa ideema; waan hantuu hin didatu.
PSA 36:5 Ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba'aa, addatamummaan teetille haga duumensaa hin dhaqqaddi.
PSA 36:6 Ee Mootii Waan Maraa, balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti; muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti; ati namaa fi horii, bineensalle hin eedda.
PSA 36:7 Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa attam attam ka gatii guddoo qabu! Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti.
PSA 36:8 Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan; ati laga keeti gammachiisaa irraa bisaan isaaniif kennita.
PSA 36:9 Ati madda jiru'uu ti; nuuti ifa keetiin ifa dhaggina.
PSA 36:10 Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa, worra gadhaa-qajeela'aatiif balchummaan keeti irraa hin citin.
PSA 36:11 Miilli worra kooruu na hin dhiitin, harki worra hamaaleyyi'ii na hin ari'in.
PSA 36:12 Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali; isaan jiganeeran, ka'uu hin dande'anu.
PSA 37:1 Sababa worra hama'aatiif hin aarin; worra cubbuu huju hin hinaafin.
PSA 37:2 Isaan akka marraa ariifatanee hin gogan; akka baala bisile'ee hin qooran.
PSA 37:3 Mootii Waan Maraatitti addadhuu waan dansaa godhi; biyya keessa nageyaan le'i.
PSA 37:4 Mootii Waan Maraatitti gammadi; inni halchaa gadhaa keetii si'iif hin kenna.
PSA 37:5 Karaa keeti Mootii Waan Maraatitti kennadhu; isa addadhu; innille si'iif hin milkeessa.
PSA 37:6 Inni balchummaa teeti akka ifaa, haqa haajaa keetii akka aduu saafowaa hin godha.
PSA 37:7 Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii, ossaan isa eeggadhu; worra hamaaleyyii yaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin.
PSA 37:8 Aarii irraa ifi dhooggi; mufii irraa deebi'i. Aariin gara hammeennaa qofa si geessitii, hin aarin.
PSA 37:9 Worri hamaaleyyiin hin badan; Worri Mootii Waan Maraa eegatu ammoo lafa hin dhaalan.
PSA 37:10 Nami hamaan yennaa diqqo'oon duuba, achitti hin dhaggamu. Ati isa hin barbaadda, ammoo hin dhaggitu.
PSA 37:11 Worri gad ifi qabu lafa hin dhaalan; nageya gudda'aan hin gammadan.
PSA 37:12 Nami hamaan nama balchaa irratti mala dhowa; ilkaan itti ciniinnatta.
PSA 37:13 Guyyaan nami hamaan sun badu akka dhufaaru waan beekuuf, Goottaan ammoo itti kolla.
PSA 37:14 Worri hamaaleyyiin, worra hiyyeeyyi'ii fi worra deega ijjeesiisaaf, worra qajeelaa qaliisaaf, shallaagaa ifii buqqifatan; guubeelle qopheeffatan.
PSA 37:15 Shallaagaan isaanii ammoo gadhuma isaanii hin woraana; guubeen isaaniille hin caccaddi.
PSA 37:16 Karra nama hama'aa hedduu caalaa, karra nama balcha'aa diqqoo woyya.
PSA 37:17 Hunni worra hamaaleyyi'ii hin caddi; worra balchoolee ammoo Mootiin Waan Maraa hin utuba.
PSA 37:18 Mootiin Waan Maraa worra komii hin qanne guyyuma guyya'aan eega; kennansi inni isaanii kenne haga bara baraa hin badu.
PSA 37:19 Isaan yennaa hantuu keessalle hin salphatanu; bara beelaalle hin quufan.
PSA 37:20 Worri hamaaleyyiin ammoo hin badan; diinoti Mootii Waan Maraalle akka marra diidaa hin dhumatan; isaan akka aaraa hin badan.
PSA 37:21 Nami hamaan liqaa hin deebisu; nami balchaan ammoo arjumma'aan kenna.
PSA 37:22 Worri Mootiin Waan Maraa eebbise lafa dhaalan; Worri Mootiin Waan Maraa abaare ammoo hin badan.
PSA 37:23 Mootiin Waan Maraa karaa namaatitti yennaa gammade, karaa isaaf akeekee, ijjata isaa jabeessa.
PSA 37:24 Mootiin Waan Maraa harka ifiitiin isa waan qabuuf, yoo gufatelle hin jigu.
PSA 37:25 Ani dur dargageessa; amma dulloomeera; ani Mootiin Waan Maraa nama balchaa gateeruun, yookiin ijoolleen isaa sagalee kadhattuun ijjumaa dhaggee hin beeku.
PSA 37:26 Nami balchaan yennaa mara arjumma'aan kenna; hin liqeessalle'e; sanyiin isaalle worra dhibi'iif eebba hin teeti.
PSA 37:27 Waan hantuu irraa deebi'ii, waan dansaa godhi; bara dheeraa hin leeta.
PSA 37:28 Mootiin Waan Maraa muraa dhuga'aa waan jaalatuuf, inni worra isaaf addatamu hin lakkisu. Inni haga bara baraa nageyaan isaan eega; sanyiin worra hamaaleyyi'ii ammoo hin baddi.
PSA 37:29 Worri balchooleen lafa hin dhaalan; lafa san keessalle bara dheeraa hin le'an.
PSA 37:30 Afaan nama balcha'aa qarummaa odeessa; arrabi isaa haqa dubbata.
PSA 37:31 Seerri Waaqaa qalbii isaa keessa jira; miilli isaalle hin fallaadu.
PSA 37:32 Nami hamaan nama balchaa riphee gaada; ijjeesiisaaf isa barbaada.
PSA 37:33 Mootiin Waan Maraa ammoo harka diinaatitti isa hin kennu; muraa dura yennaa dhikaate, yakkaan akka itti murantu hin godhu.
PSA 37:34 Mootii Waan Maraa addi'iin eegadhu; karaa isaalle eegadhu; inni lafa si dhaalchisiisaaf ulfinna si'iif hin kenna; badii worra hamaaleyyi'iille hin dhaggita.
PSA 37:35 Ani nama hamaa hunnaan nama irratti ka'u ka akka muka lafa itti toltu irra jiruu tokko dagaageeruun dhagge.
PSA 37:36 Eega san yennaa achiin dabaru, adde'ee dhabe; ani isa barbaade, ammoo isa dhagguu hin dandeenne.
PSA 37:37 Nama komii hin qanne ilaali; nama balchichaa hubadhu; nama nageellicha muummeen isaa hin baddu.
PSA 37:38 Cubbaaleyyiin ammoo ijjumaa hin badan; muummeen isaaniille hin baddi.
PSA 37:39 Mootiin Waan Maraa balchoolee hin baasa; yennaa rakkinnaa addeen isaan itti baqatanu isa.
PSA 37:40 Isaan Mootii Waan Maraatitti waan baqatanuuf, inni isaan qarqaaree, isaan baasa; inni harka worra hamaaleyyi'ii irraa isaan baasee, isaan hambura.
PSA 38:1 Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin; mufi'iin na hin adabin.
PSA 38:2 Daayi keeti na woraaneera; harki keeti gad na qabe.
PSA 38:3 Sababa mufii teetiitiif, nafi kiyya dhibameera; sababa cubbu'uutiif, lafeen tiyya fayyaa hin qaddu.
PSA 38:4 Yakkaan tiyya mataa kiyya irra dabarteerti; isiin akka ba'a'aa guddoo natti ulfaatteerti.
PSA 38:5 Sababa gowwummaa tiyyaatiif, madaan tiyya shantee ajootti.
PSA 38:6 Ani gad jedhee, guddoo gugguufe; guyyaa guutuu bowaa daaqe.
PSA 38:7 Hidhi kiyya waan na o'eef, nafi kiyya fayyaa hin qabu.
PSA 38:8 Ani dadhabee, ijjumaa bututeera; gadhaan waan na raafameef aada.
PSA 38:9 Ee Goottaa kiyya, ati halchaa tiyya mara beetta; aadiisi kiyya si duraa dhokatee hin jiru.
PSA 38:10 Onneen tiyya na dhowatti; hunni tiyya na laatteerti; ilti tiyyalle dhagguu dhaddeerti.
PSA 38:11 Jaaloti tiyyaa fi lansooti kiyya sababa madaa tiyyaatiif na irraa baqatane; firri kiyyaayyuu na irraa fagaatane.
PSA 38:12 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu tiyyoo natti afan; worri na miidhiisaaf barbaadu na balleessiisaaf mari'atan; isaan guyyaa guutuu mala natti dhowan.
PSA 38:13 Ani ammoo akka nama gurra duudee, hin dhage'u; akka nama afaan duudee, hin dubbadhu.
PSA 38:14 Dhugumaan, ani akka nama hin dhageennee, akka nama deebii deebisuu hin dandeennee ti.
PSA 38:15 Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo addi'iin si eegadha; Ee Goottaa Waaqa kiyya, atille deebii naaf hin kennita.
PSA 38:16 Ani, «Worri yennaa miilli kiyya mucucaatu na irratti kooru, akka isaan natti gammadanu hin godhin!» jedhe.
PSA 38:17 Ani jiguu geyeera; yennaa mara ani dhibee woliin jira.
PSA 38:18 Yakkaa tiyya hin faaci'adha; cubbuu tiyyaaf gadda.
PSA 38:19 Diinoti kiyya hunnaameyyiin baca'a; worri sababa malee na jibbu heddu'u.
PSA 38:20 Yennaa ani waan dansaa huju waan hantuu naaf deebisan; yennaa ani waan dansaa hordofu isaan na morman.
PSA 38:21 Ee Mootii Waan Maraa, na hin lakkisin; Waaqa kiyya, na irraa hin fagaatin.
PSA 38:22 Ee Goottaa fayyisaa kiyya, na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
PSA 39:1 Ani, «Arraba kiyyaan cubbuu akka hin dubbanne lafa dhaqu maratti ifi hin eegadha; haga nami hamaan na bira jiru, ani womaa hin dubbadhu» jedheera.
PSA 39:2 Jecha tokkolle hin dubbatinuu cadhise; marroo waan dansa'aalle hin dubbanne; rakkinni kiyya ammoo guddataatuma ideeme.
PSA 39:3 Gadhaan kiyya na gubatee, yaada kiyya keessatti ibiddi gabbate; achiin duuba ani arraba kiyyaan dubbadhee,
PSA 39:4 «Mootii Waan Maraa kiyya, dhuma jiruu tiyyaa, barri jiruu tiyyaa hagam akka te'e natti himi; ani jiruun tiyya attam ariifattee dabariisatti akka jirtu beekuu ti!» jedhe.
PSA 39:5 Ati bara jiruu tiyyaa taakkuu takkaa goote; barri jiruu tiyyaa si duratti woyitti hin laakkowamu. Dhugumaan jiruu nama maraatuu akka baafata hafuuraa tokkochaa ti.
PSA 39:6 Dhugumaan nami akka gaaddisaa ti. Inni akkanumaan elowa; karra tuulata; ammoo ka isii fudhatu hin beeku.
PSA 39:7 Goottaa kiyya, amma ani maan eegadha ree? Addiin tiyya si'i.
PSA 39:8 Cubbuu tiyya mara jalaa na baasi; worri gowwooleen akka natti murganu hin godhin.
PSA 39:9 Akka akkana rakkadhu ka godhe si waan teeteef, ani hin cadhisa; afaan kiyya hin saaqadhu.
PSA 39:10 Dhowicha harka keetiitiin dadhabeera; dhowicha keeti na irraa kaasi.
PSA 39:11 Ati sababa yakkaa isaatiif, nama xixxee hin adadda; akka waan qu'een nyaattee karra isaa hin balleessita. Dhugumaan nami akka baafata hafuura tokkochaa ti.
PSA 39:12 Ee Mootiin Waan Maraa, daadimata kiyya naa dhage'i; iyya tiyyalle caqasi; imimmaan tiyyatti hin cadhisin. Ani si duratti alaga'a; akkuma abbootii tiyya ta durii keessumma'a.
PSA 39:13 Gara hin deebinetti, gara du'aa adoo hin deemin, gammada diqqaa akka dhaggadhu, nyaara guurtee na hin ilaalin.
PSA 40:1 Ani ossaan Mootii Waan Maraa eegadhe; innille gara kiyya deebi'ee iyya tiyya dhage'e.
PSA 40:2 Inni boolla caffa'aa, linxixxoo dhoqqe'ee keessaa na baase. Inni miila kiyya rassaa irra dhaabbachiisee, addee jadduu ani ideemu naa kenne.
PSA 40:3 Inni faaruu haareya leellisa Waaqa keennaa afaan kiyya keessa keye. Worri hedduun tana dhagganee isa sodaatanee, Mootii Waan Maraatitti addatan.
PSA 40:4 Nami Mootii Waan Maraatitti addatu, gara worra koorameeyyi'iitii fi, dharaameyyi'ii deebi'iisaan ka itti hin addanne, ka gammade.
PSA 40:5 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, baasa hedduu nuu gooteerta; ka akka keetii hin jiru! Ati waan baasaa nuu yaadatteerta. Laakkossi waan kanaa guddoo baca'a; ani ijjumaa odeessee fixee hin dande'u.
PSA 40:6 Ati ciinca'aa fi kennansa hin barbaaddu; horiin addee ciinca'aa irratti akka ciinceffamu, yookiin ciincaa araara cubbu'uu hin barbaaddu. Tanaa manna, gurra sii dhage'u naaf kenniteerta.
PSA 40:7 Tanaaf anille, «Marroo tiyyaaf kitaaba maramaa keessatti akkuma barreeffante, kunoo, ani dhufeera;
PSA 40:8 Waaqa kiyya, ani fedhii teeti muummessuu halcha; seerri keeti gadhaa kiyya keessa jira» jedhe.
PSA 40:9 Ani wolde'a guddicha keessatti, balchummaa teeti odeessa. Ee Mootii Waan Maraa, akkuma ati beettu ani odeessuu ijjumaa hin lakkisu.
PSA 40:10 Ani balchummaa teeti gadhaa kiyya keessatti hin dhossine; ani addatamummaa teetii fi fayyisiisa keeti odeesseera. Wolde'a keeti guddicha duraa jaala keeti ka bara baraatii fi addatamummaa teeti hin dhossine.
PSA 40:11 Ee Mootii Waan Maraa, ati marartii teeti na hin dhooggatin; jaalalli keeti ka bara baraatii fi addatamummaan teeti yennaa mara na eeganuu ti.
PSA 40:12 Rakkoon hedduun haga hin qanne na marsiteerti; haga ani woy dhagguu dadhabutti, cubbuun tiyya na liqinsiteerti; cubbuun tun rifeensa mataa kiyyaa caalti; anille jajjabaatiisa dadhabeera.
PSA 40:13 Ee Mootii Waan Maraa, maganne'ee na baasi; na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
PSA 40:14 Worri na ijjeesiisa barbaadu marti fokkifatanee qaanowanuu ti. Worri miidhama kiyya halchu marti salphinnaan gara duuba deebi'anuu ti.
PSA 40:15 Worri, «Baga, baga» naan jedhu, fokkoo ifiitiin nayanee goganuu ti.
PSA 40:16 Worri si barbaadu marti ammoo si'itti gammadanee ilillisanuu ti; Worri fayyisiisa keeti jaalatanu marti yennaa mara, «Mootiin Waan Maraa gudda'a!» jedhanuu ti.
PSA 40:17 Akka kiyyatti, ani rakkata'a; dadhabaalle'e; Gootta'a na hin dedhin. Ka na qarqaaruu fi ka na baasu si'i; Ee Waaqa kiyya, hin turin.
PSA 41:1 Nami worra hiyyeeyyi'iif yaadu ka gammade; guyyaa rakkinnaa, Mootiin Waan Maraa isa hin baasa.
PSA 41:2 Mootiin Waan Maraa isa hin eega; jiruulle'een isa hin leesisa; inni lafa irratti isa hin gammachiisa; halchaa diinotaatiifille dabarsee isa hin kennu.
PSA 41:3 Taqee inni dhibamee irra jiru irratti Mootiin Waan Maraa isa hin qarqaara; fayyisee taqee dhibo'oo irraa isa hin kaasa.
PSA 41:4 Ani akka kiyyatti, «Ee Mootii Waan Maraa, ani waan si yakkeef, na marariitii, dhibee irraa na fayyisi» jedheera.
PSA 41:5 Diinoti kiyya waan hantuu na irratti dubbatanee «Inni yoom du'a? Maqaan isaa yoom bada?» jedhan.
PSA 41:6 Worri na ilaaliisaaf dhufu, dubbii sobaa haasowan; gadhaa ifiititti waan hantuu qabatanee, yennaa gad bayane, isii odeessan.
PSA 41:7 Worri na jibbu marti marroo tiyya wolitti hasaasan; isaan waan hantuu na irratti yaadaa,
PSA 41:8 «Dhukkubi hamaan isa qabeera; inni addee irkate sanii deebi'ee hin ka'u» jedhan.
PSA 41:9 Jaalli kiyya ka natti dhikaatuuyyuu, ka ani itti addadhu, ka sagalee na woliin nyaate, na irratti ka'eera.
PSA 41:10 Ee Mootii Waan Maraa, ati na marari; diinota kiyya akka ani haluu bayu, dhibee tiyya irraa ol na kaasi.
PSA 41:11 Diinoti kiyya injifachaa na irratti waan hin dhaggatiniif, akka ati natti gammadde ani tanaan beeka.
PSA 41:12 Sababa dhugaamessummaa tiyyaatiif, ati na hin qarqaarta; fuula keeti dura haga bara baraa na hin jiraachitta.
PSA 41:13 Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii bara baraa haga bara baraa leellifamuu ti! Ameen! Ameen!
PSA 42:1 Akkuma gadansi bisaan yaa'u dharra'u, Ee Waaqa, anille si dharra'a.
PSA 42:2 Lubbuun tiyya Waaqa, Waaqa jiraataa dheebotti; ani yoom dhaqee fuula isaa dhagguu dande'a ree?
PSA 42:3 Kolbaan yennaa mara, «Waaqi keeti meet?» waan naan jettuuf, halkanii fi guyyaa imimmaan sagalee tiyya teeteerti;
PSA 42:4 Ani gumii san woliin, gumii jila jilifattu woliin, ililleetti'ii fi faaruu galataatiin, gogeessaan sooressaa gara Galma Waaqaa attam akka deeme yennaa qaabadhu, gadhaan kiyya gaddaan na bada.
PSA 42:5 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? Na keessatti maaf jeeqanta? Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, Waaqa keetitti addii godhadhu.
PSA 42:6 Lubbuun tiyya na keessatti gadditeerti; tanaaf ani lafa Yordaanosiitii fi kooba Hermoonii irraa, gaara Mizaarii irralle'ee si qaabadha.
PSA 42:7 Shookkessa gootuu teetiitiin qileen qilee waanti; hunni guddoon danbalii teetii na gubbaa yaate.
PSA 42:8 Mootiin Waan Maraa guyyaa mara jaalala ifii ka bara baraa mudhisa; anille halkan faaruu isaaf dhikeessa; gara Waaqa jiruu tiyyaa daadimadha.
PSA 42:9 Ani Waaqa rassaa kiyyaan, «Ati maaf na deete? Diinoti kiyya waan na cunqursaneef, ani maaf bowaa ideema?» jedha.
PSA 42:10 Diinoti kiyya yennaa mara, «Waaqi keeti meet?» jedhiisaan na arrassaa lafee na cassan.
PSA 42:11 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? Na keessatti maaf jeeqanta? Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, Waaqa keetitti addii godhadhu.
PSA 43:1 (Faaruu 42 irraa itti fufe) Ee Waaqa, naaf muri; worra si'itti hin dhugeeffanne duratti naaf falmi; worra dharaameyyi'ii fi hamaaleyyii jalaa na baasi.
PSA 43:2 Ati Waaqa ani itti baqadhu; ati maaf na lakkitte ree? Ani diinota kiyyaan cunqurfamee maaf bowaa ideema ree?
PSA 43:3 Ifa keetii fi dhugaa teeti ergi; isaan na sooressaa gara kooba teeti woyyitti'ii gara Galma ati keessa leetuu na fidanuu ti.
PSA 43:4 Achiin duuba ani gara addee ciinca'aa ta Waaqaa gara Waaqa itti gammaduu hin dhaqa; ee Waaqa, Waaqa kiyya, ani kiraara kiyya guddichaan si leellisa.
PSA 43:5 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita? Na keessatti maaf jeeqanta? Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf, Waaqa keetitti addii godhadhu.
PSA 44:1 Ee Waaqa, nuuti gurra keennaan dhageenneerra; abbootiin teenna ta durii bara ifii keessatti waan ati hujje nutti himaneeran.
PSA 44:2 Ati harka keetiin gosa biyya adda addaa lafa keessaa ariitee baattee, abbootii teenna ta durii lafa isaanii keessatti qubachiitte. Gosa biyya adda addaa dhibii balleessitee, abbootii teenna ta durii horsiitte.
PSA 44:3 Isaan shallaagaa ifiitiin lafa san hin qabanne; isaan hunna ifiitiin hin injifanne; ati waan isaan jaalatteef, harki keeti middichi, irreen teetii fi ifi fuula keetii tana isaaniif kenne.
PSA 44:4 Ee Waaqa, ati mooticha kiyya; kolbaa sanyii Yaaqoobiitiif injifachaa ka kennitu si'i.
PSA 44:5 Hunna teetiin diinota keenna hin injifanna; maqaa keetiin worra nu irratti ka'u irra sirbina.
PSA 44:6 Ani guubee tiyyatti hin addadhu; shallaagaan kiyyalle injifachaa naaf hin kennu.
PSA 44:7 Ati ammoo diinota keenna irratti injifachaa nuuf kennitee, worra nu jibbu qaanessite.
PSA 44:8 Nuuti guyyaa mara si Waaqaan ifi jajanna; maqaa keetille haga bara baraa hin leellifanna.
PSA 44:9 Amma ammoo ati nu gattee nu salphitteerta; loltoota teenna woliin duulaaf hin baatu.
PSA 44:10 Diinota keenna duraa akka baqannu nu gooteerta; nyaaphoti keenna nu saamaneeran.
PSA 44:11 Ati akka hoolota qalantuu dabarsitee nu kennitee, gosa biyya adda addaa oddu'utti nu bittinneessiteerta.
PSA 44:12 Ati kolbaa teeti gatii diqqo'otti gurgurte; gurgurama isaanii irraa bu'aa womaa hin dhagganne.
PSA 44:13 Ati cooraa gosa ollaa keennaa, murgo'oo fi kolla worra adaala keenna jiruu nu goote.
PSA 44:14 Ati gosa biyya adda addaa oddu'utti mammaassa nu goote; isaan tuffi'iin mataa nutti raasan.
PSA 44:15 Guyyaa mara salphinni kiyya naan dura jira; fuulli kiyya qaanii uffateera.
PSA 44:16 Dubbii worra natti murguutii fi cooruutiif, sababa diinota worra haluu na bayuu tun teete.
PSA 44:17 Nuuti adoo si hin dedhin, gondooroo teetille adoo hin diigin, wonni kun marti nu dhaqqadde.
PSA 44:18 Gadhaan keenna gara duubaa hin deebine; miilli keenna daandii teeti irraa hin fallaanne.
PSA 44:19 Ati ammoo addee jeedalti leetutti nu caccassiteerta; dukkana dimmalle nutti uffitteerta.
PSA 44:20 Nuuti maqaa Waaqa keennaa adoo deenee jiraannee, harka keenna gara Waaqa ormaa adoo badhifannee jiraannee,
PSA 44:21 Waaqi dhossaa waan maraa beeku, silaa tana qorqoree bira hin gewuu ree?
PSA 44:22 Teetuu malee, nuuti guyyaa mara si'iif jennee ijjeefanna; akka hoolee qalantuu laakkowanneerra.
PSA 44:23 Goottaa kiyya, dammaqi! Maaf ratta? Ka'i! Haga bara baraa nu hin gatin.
PSA 44:24 Ati maaf fuula keeti dhoffatta? Rakkoo teennaa fi cunqurfama keenna maaf deeta?
PSA 44:25 Lubbuun teenna bukuu keessa gad lixxeerti; nafi keennalle lafatti maxxaneera.
PSA 44:26 Ka'i! Nu qarqaar. Jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii nu wodi.
PSA 45:1 Dubbiin dansaan gadhaa kiyya guuttee dhangalaati; wolaloo tiyya mootichaaf hin dhageessisa; arrabi kiyya akka feenii nama woy barreessiisaan beekkamee ti.
PSA 45:2 Ati ilmaan namaa mara caalaa miidhaga'a; dubbiin teeti arnya qaddi; tanaaf Waaqi haga bara baraa si eebbiseera.
PSA 45:3 Ee mooticha janna, ka ulfinnaa fi arnya qaddu, shallaagaa keeti hidhadhu.
PSA 45:4 Marroo dhuga'aa, marroo gadhi-laafumma'aa fi balchumma'aatiif, arnya keetiin injifatiisaaf ka'i; harki keeti middichi injifachaa gugurdoo dhaggisiisuu ti.
PSA 45:5 Daayi keetii ka qarame, gadhaa diina keetii hin woraana; gosi biyya adda addaa miila keeti jalatti hin jigan.
PSA 45:6 Ee Waaqa barcumaan mootumma'aa keeti, ka bara baraa ti; uleen bokku'uu teetille ulee bokku'uu ta haqaa ti.
PSA 45:7 Ati balchummaa jaalattee, hammeenna jibbite; tanaaf Waaqi, Waaqi keeti zayitii gammadaa si muudee, hari'aa teeti akka caaltu si godhe.
PSA 45:8 Woyaan fiqiree qumbii, hargiisaa fi dakkara irraa hujanteen fiqqitti. Mana mootumma'aa ka ilka arbaatiin seefame keessaa qoonqoon kiraara guddichaatii fi maseenqo'oo si gammachiitti.
PSA 45:9 Dubartoota mana mootumma'aa keessa jiranu odduu, ijoolleen durraa ta moototaa jiran; giittittiin worqii biyya Ofiirii naqattelle gara harka keeti middaatiin dhaabbatti.
PSA 45:10 Ee intala dhage'i! Waan ani jedhu caqasi; kolbaa teetii fi mana abbaa keetii dedhi.
PSA 45:11 Mootichi miidhaginna keetiif si halcha; inni goottaa keeti waan te'eef, isa ulfeessi.
PSA 45:12 Kolbaan Xiiroosii kennansa sii fidan; worri dureeyyiin si'itti dhikaatiisaaf barbaadan.
PSA 45:13 Intalti mootichi fuudhaaru woyaa worqi'iin kuulante uffattee, kolloo ifii keessa jirti.
PSA 45:14 Woyaa kuula hedduu qaddu san uffattee, gara mootichaa geeffanti; durri bookarsitooti isi'ii isii gula gara mootichaa hin dhaqan.
PSA 45:15 Isaan ililleetti'ii fi gammadaan isii gula mana mootichaa hin seenan.
PSA 45:16 Ilmaan teeti addee abbootii teetii hin bu'an; ati lafa duudii akka bulchanu hin goota.
PSA 45:17 Ani dhaloota mara keessatti gurra keeti hin mudhisa; tanaaf gosi biyya adda addaa bara baraa haga bara baraa si leellitti.
PSA 46:1 Waaqi addee itti baqannu; inni hunna teenna; yennaa rakko'oo inni guddoo nu qarqaara.
PSA 46:2 Tanaaf latti yoo tachoote, gaarri gara qilee abbaaya'aa yoo bu'e,
PSA 46:3 bisaan yoo shookkisee hoomachowe, raafamiisa isaatiin gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu.
PSA 46:4 Lagi maddi isaa qachaa Waaqaa, addee woyyittii Waaqi Ol Aanaan le'u gammachiisu tokko jira.
PSA 46:5 Waaqi qachaa san keessa waan jiruuf, qachaan sun hin tacho'u; Waaqi barii ganama qachaa san hin qarqaara.
PSA 46:6 Gosi biyya adda addaa hogitte, mootummootille jidde; Waaqi qoonqoo ifii dhageessise, lattille baxxe.
PSA 46:7 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira; Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.
PSA 46:8 Kowa'aatii, hujii Mootii Waan Maraa, badii inni lafa irratti fide ilaala'a.
PSA 46:9 Inni lola biyya lafaa irraa hin dhaabbachiisa; guube'ee fi eboo hin caccassa; wonteelle ibiddaan hin guba.
PSA 46:10 Inni, «Cadhisa'aa, ani Waaqa akka te'e beeka'a; ani gosa biyya adda addaa oddu'utti, biyya lafaa irralle'etti hin saadama» jedha.
PSA 46:11 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira; Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.
PSA 47:1 Gosi biyya adda addaa marti, harka keessan dhowa'a; qoonqoo ol qabadha'aatii, Waaqaaf ilillisa'a.
PSA 47:2 Mootiin Waan Maraa Ol Aanaan ka sodaatame; inni lafa duudii irratti mootii gudda'a.
PSA 47:3 Inni kolbaa hedduu nu'uun jala godhe; gosa biyya adda addaa miila keenna jala galche.
PSA 47:4 Sanyii Yaaqoobii ta inni jaalatuuf koora ta teete, lafa nuuti dhaallu inni nu'uuf file;
PSA 47:5 Mootiin Waan Maraa Waaqi ililleetti'ii fi qoonqoo tultulla'aatiin ol bayeera.
PSA 47:6 Waaqa faaru'uun leellisa'a; leellisa'a; Mootii keenna faaru'uun leellisa'a; leellisa'a.
PSA 47:7 Waaqi mootii lafa duudi'ii waan te'eef, faaru'uun isa leellisa'a.
PSA 47:8 Waaqi gosa biyya adda addaa irratti mooti'i; Waaqi barcumaa mootumma'aa ka ifii woyyicha irra tee'eera.
PSA 47:9 Qondaaltoti gosa biyya adda addaa kolbaa Waaqa Abrahaamii woliin wolitti qabamaneeran; loltooti lafaa marti ka Waaqaa waan te'aneef, inni guddoo saadameera.
PSA 48:1 Mootiin Waan Maraa gudda'a; qachaa Waaqa keennaa keessatti gaara woyyicha irratti guddoo leellifamuu qaba.
PSA 48:2 Gaarri Xiyoonii ka gara kaabaatitti dhaggamu, ka dheerinnaan miidhagu, qachaa mooticha gudda'aa, ka lafa duudii gammachiisu.
PSA 48:3 Waaqi mana mootumma'aa jabaa qachaa sanii keessa jira; inni kushee qachaa sanii akka te'e ifi mudhiseera.
PSA 48:4 Qachaa san loliisaaf, moototi wolitti qabamane.
PSA 48:5 Isaan akkuma dhagganeen maadeffatane; sodaatanee baqa kottee addeessane.
PSA 48:6 Achitti rommiis isaanitti dhufee, akka dubartii ciniinsifattuu muddamane.
PSA 48:7 Akka hoboloota gugurdoo Tarshiishii ta qilleensa gara aduun baatuutiin bututanuu te'ane.
PSA 48:8 Waaqi qachaa ifii haga bara baraa jabeessee akka dhaabu, akkuma dhageenne, akkasuma qachaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dadee, ka Waaqa keennaa irratti dhaggineerra.
PSA 48:9 Ee Waaqa, Galma keeti keessatti, jaalala keeti ka bara baraa yaadanna.
PSA 48:10 Ee Waaqa, akkuma maqaan keeti lafa duudii geye, leellisi keetille lafa duudii geyee, harki keeti middichi balchumma'aan guutameera.
PSA 48:11 Muraan teeti dhugaa waan teeteef, worri gaara Xiyoonii irra le'u gammaduu ti; worri qachoota Yihuda'aa keessa le'u firinxiixuu ti.
PSA 48:12 Qachaa Xiyoonii naannowaa ideemaa, adaala isaa mara'a. Xelleephoo isaa laakkowa'a.
PSA 48:13 Dalleya dhaka'aa ka isaa hubadha'a; kushee isaalle ilaala'a. Akka dhaloota dhufuun,
PSA 48:14 «Waaqi kun, haga bara baraa Waaqa keenna; inni haga du'aatitti nu sooressa» jettanu.
PSA 49:1 Kolbaan marti tana dhage'a'a! Worri biyya lafaa tana keessa leetanu marti caqasa'a!
PSA 49:2 Gudda'aa fi diqqa'aan, dureessaa fi hiyyeessi caqasa'a.
PSA 49:3 Afaan kiyya jechoota qarumma'aa dubbata; yaad gadhaa kiyyaa hubantii kenna.
PSA 49:4 Ani gurra kiyya gara fakkeennaa deebifadha; hiibboo tiyya kiraaraan hiika.
PSA 49:5 Guyyaa wonni hantuun natti dhuttuu fi hamaaleyyiin sobaaleyyiin na marsanu ani maaf sodaadha?
PSA 49:6 Worra qabeenna ifiititti addatuu fi durummaa ifii guddo'oon kooru, ani maaf sodaadha?
PSA 49:7 Dhugumaan, nami nama wodu, yookiin gatii wodo'oo san Waaqaaf kennuu dande'u hin jiru.
PSA 49:8 Gatiin lubbuu namaa akka malee guddo'o; wonni silaa kaffaluu dande'anuuyyuu ijjumaa hin geettu.
PSA 49:9 Akka du'ee hin shanne, haga bara baraa akka le'u godhiisaaf ijjumaa hin geettu.
PSA 49:10 Qarooleen akka du'anu nami marti hin dhagga; gowwoole'ee fi daalleelle hin badan; qabeenna ifiille worra dhibi'iif lakkisan.
PSA 49:11 Lafa maqaa isaaniitiin waammantu yoo qabaatanelle, irreensi isaanii haga bara baraa mana isaanii hin te'a; dhalootaa haga dhalootaatitti addee leetoo isaanii hin te'a.
PSA 49:12 Durummaan du'a irraa nama hin hamburtu; nami akkuma hori'ii hin du'a.
PSA 49:13 Hireen worra gowwumma'aan ifitti addatuutii fi hordofattoota isaanii, ka waan isaan jedhanu fudhatuu tana.
PSA 49:14 Isaan kun akkuma hoole'ee hin du'an; duuti isaan hin tissiti. Worri qajeelaan ganamaan irreensa isaanii irra hin ideema; isaan mana ifii dansaa irraa fagaatanee, addee worri du'e jiru keessatti hin shaman.
PSA 49:15 Waaqi gara ifii waan na fudhatuuf, dhugumaan inni lubbuu tiyya hunna addee worri du'e jiruu jalaa hin woda.
PSA 49:16 Nami yennaa dureessa te'e, qabeenni mana isaa yennaa dabalame, hin sodaatin.
PSA 49:17 Inni yennaa du'u womaa hin fudhatu; karri isaa isa woliin hin awwaalamu.
PSA 49:18 Nami bara jiruu ifii mara gammadee, wonni marti isaaf teetee leellifamulle,
PSA 49:19 du'ee gara abbootii ifii ta durii, ta deebitee ifa hin dhagginee hin deema.
PSA 49:20 Nami karra qabaatee hubantii dhabe, akkuma hori'ii hin du'a.
PSA 50:1 Mootiin Waan Maraa, Waaqi waaqotaa hin dubbata; baya adu'uu irraa haga seensa adu'uutitti, nama lafa irraa mara hin waama.
PSA 50:2 Gaara Xiyoonii, ka miidhaginna guutuu qabu irraa, Waaqi hin ifa.
PSA 50:3 Waaqi keenna hin dhufa; inni hin cadhisu; ibiddi gubu isa dura jira; hobonbolattiin jadduun cinaa isaa marsiteerti.
PSA 50:4 Inni kolbaa ifiititti muriisaaf, ol-gubbaa gubbaa jirtuu fi lafa waamee,
PSA 50:5 «Worra ciinca'aan na woliin gondoorate, ka naaf addatamane wolitti naaf qaba'a» hin jedha.
PSA 50:6 Waaqi abbaa mura'aa waan te'eef, ol-gubbaan balchummaa isaa lalladdi.
PSA 50:7 Ammalle Waaqi, «Kolbaa tiyya, dhage'a'a; Israa'el, ani si'i irratti dhugaa hin baya; ani Waaqi keeti, Waaqa.
PSA 50:8 Ani, ‹Ciincaa naa dhikeessitu dhabe› jedhee si hin komadhu; kennansi keeti ka gubamu yennaa mara fuula kiyya dura jira.
PSA 50:9 Ani moonaa teeti keessaa korommii, gooree teeti keessaa korbeeyyii re'e'ee fudhatiisaaf hin barbaadu.
PSA 50:10 Bineensoti baddaa keessaa marti, horiin kooba kuma hedduu irraa marti kiyya.
PSA 50:11 Ani sinbirroota gaara irraa mara beeka; wonni diida keessa munyuuqu marti tiyya.
PSA 50:12 «Biyyi lafaatii fi wonni isii keessaa marti tiyya waan teeteef, adoo beelowelle'ee ani sitti hin himu.
PSA 50:13 Ani foon korommi'ii nyaadhaa? Yookiin dhiiga re'e'ee unaa?» jedha.
PSA 50:14 Ciincaa galataa Waaqaaf dhikeessi; waadaa keeti Ol Aana'aaf muummessi.
PSA 50:15 Waaqi, «Guyyaa rakkinnaa na waami; ani si baasa; atille na hin ulfeessita» jedha.
PSA 50:16 Waaqi ammoo nama hama'aan, «Waan ajaja kiyyaatuu maaf dubbatta? Gondooroo tiyya maaf maqaa dhootta?
PSA 50:17 Ati adabamiisa jibbita; jechoota kiyya ifiin duubatti gatta.
PSA 50:18 Hattuu yennaa dhaggitu, jaala teetaaf; gaarayyeeffattoota wolille'een qooda qadda.
PSA 50:19 «Afaan keeti waan hantuu dubbata; arrabi keetille soba odeessa.
PSA 50:20 Teettee obboleessa keeti hamatta; ilma haadha teetii maqaa balleessita.
PSA 50:21 Ati waan kana goote; ani hin cadhisaa? Ani akkuma keeti te'e na seetaa? Amma ammoo waan ati goote sitti mudhisee, si xixa.
PSA 50:22 «Isin worri ana Waaqa deetanu, tana hubadha'a; tun te'uu dhabaannaan ani isin kukkuta; ka isin baasu hin jiru.
PSA 50:23 Nami ciincaa galataa naaf dhikeessu na ulfeessa; nama karaa qajeelaa deemuuf, fayyisiisa kiyya itti mudhisa» jedha.
PSA 51:1 Ee Waaqa, sababa jaalala keeti ka bara baraatiif, na marari. Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo'ootiif, yakkaa tiyya haxowii balleessi.
PSA 51:2 Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi; cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi.
PSA 51:3 Ani yakkaa tiyya waan beekuuf, yennaa mara cubbuun tiyya fuula kiyya dura jirti.
PSA 51:4 Ani si irratti ka'ee, si qofa yakkee, waan hantuu si duratti godhe. Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga'a; muraan ati natti murtelle haqa.
PSA 51:5 Dhugumaan ani cubbu'uun dhaladhe; yennaa haati tiyya na ulfoottuu ani cubbicha.
PSA 51:6 Ati keessa namaatitti dhugaa hin halchita; tanaaf, gadhaa kiyya ka dhossa'aa keessatti qarummaa na barsiisi.
PSA 51:7 Baala hisoophiitiin fiffixiitii, cubbuu irraa na qulqulleessi; anille hin qulqullowa; na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha.
PSA 51:8 Ililleetti'ii fi gammada na dhageessisi; ati na caccassitee butuchitulle ani deebi'ee hin gammada.
PSA 51:9 Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu; yakkaa tiyya mara haxowii balleessi.
PSA 51:10 Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi; ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.
PSA 51:11 Fuula keeti duraa na hin fageessin; Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.
PSA 51:12 Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san, adde'etti naaf deebisi; akka si'iif ajajamu na qarqaar.
PSA 51:13 Achiin duuba ani worra seera keeti yakku hin barsiisa; cubbaaleyyiille gara keeti hin deebi'an.
PSA 51:14 Ee Waaqa, Waaqa fayyinna kiyyaa, yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi; arrabi kiyya marroo balchummaa teetii gammadaan ilillisa.
PSA 51:15 Ee Gootta'a, afaan kiyya bani; anille arraba kiyyaan si hin leellifadha.
PSA 51:16 Ati adoo ciincaa jaalattu teetee, ani silaa si'iif hin dhikeessaayyu. Ati kennansa gubamutti hin gammaddu.
PSA 51:17 Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe; ee Waaqa, ati yaada gad jedhee, cubbuu irraa deebi'u hin tuffattu.
PSA 51:18 Fedhii teetiin Xiyooniif waan dansaa godhi; dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii deebisii ijaari.
PSA 51:19 Achiin duuba ati ciincaa sirrii te'ee fi kennansa gubamutti hin gammadda; addee ciincaan itti ciinceffamu teeti irratti dardarooti hin dhikeeffaman.
PSA 52:1 Nama hunnaamessa! Hantuu hujiisa keetiin maaf koorta? Jaalalli bara baraa ka Waaqaa haga bara baraa ti.
PSA 52:2 Ati ka soba baratte, mala badi'ii dhootta; arrabi keeti akka shiggire'ee ti.
PSA 52:3 Ati waan dansaa caalaa waan hantuu, dhugaa dubbii caalaa dhara jaalatta.
PSA 52:4 Ati nama sobaalessa! Dubbii nama miitu jaalatta.
PSA 52:5 Waaqi ammoo badii bara baraa sitti fidee, mana keeti keessaa butee si baasee, lafa worra jiraata'aa keessalle'ee si hin buqqisa.
PSA 52:6 Worri balchooleen waan kana dhagganee, hin sodaatan; achiin duuba sitti kollaa,
PSA 52:7 «Nama Waaqatti hin irkanne, ammoo bacinna karra ifiititti ka addatu, ka worra dhibii balleessiisatti jabaatu, kunoo ilaala'a!» hin jedhan.
PSA 52:8 Ani ammoo mana Waaqaa keessatti, akka muka ejersaa oshoba; Jaalala Waaqaa ka bara baraatitti bara baraan itti addadha.
PSA 52:9 Waaqa, marroo waan ati hujjeetiif, ani bara baraan si leellifadha. Worra si dhugeeffatu duratti, maqaa keeti dansaa san addi'iin eegadha.
PSA 53:1 Gowwooleen gadhaa ifii keessatti, «Waaqi hin jiru» jedhan; isaan worra bada'a; waan gadhee hujan; isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.
PSA 53:2 Worra qaroolee Waaqa barbaadu, yoo jiraatane dhaggiisaaf, Waaqi ol-gubbaa irraa, gara ilmaan namaa gad ilaala.
PSA 53:3 Isaan ammoo martinuu dudda itti galaneeran; martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran; isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru; tokkolle hin jiru.
PSA 53:4 Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu? Akkuma nami sagalee nyaatu worri kolbaa tiyya nyaatu, gara Waaqaa hin daadimatu.
PSA 53:5 Isaan addee wonni sodaatanu hin jirretti, sodaatanee bararaqan. Waaqi lafee diina kolbaa ifii hin bittinneessa; Waaqi waan isaan jibbeef, isin kolbaan Waaqaa isaan hin qaanessitan.
PSA 53:6 Xiyoon keessaa Israa'eliif fayyinni adoo dhufee jiraatee! Yennaa Waaqi boojuu kolbaa ifii deebisu, sanyiin Yaaqoobii burraaxxuu ti; kolbaan Israa'elii gammadduu ti.
PSA 54:1 Ee Waaqa, maqaa keetiin na baasi; hunna teetiin dhugaa naaf muri.
PSA 54:2 Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i; dubbii afaan kiyyaa caqasi.
PSA 54:3 Namooti alagaan natti ka'an; worri nama sodaachisu, na ijjeesiisaaf barbaadan; isaan marroo Waaqaa hin yaadanu.
PSA 54:4 Dhugumaan Waaqi qarqaarsa kiyya; Goottaan irkuu jiruu tiyyaa ti.
PSA 54:5 Wonni hantuun worra ila diinumma'aatiin na ilaalutti deebituu ti; ati addatamummaa teetiin isaan fixi.
PSA 54:6 Ani fedhuma tiyyaan ciincaa sii dhikeessa; Ee Mootii Waan Maraa, maqaan keeti dansaa waan te'eef, ani isa hin leellisa.
PSA 54:7 Ati rakkinna mara keessaa waan na baatteef, injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggeera.
PSA 55:1 Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i; gaaffii tiyya cadhittee hin ilaalin.
PSA 55:2 Ati na caqasii deebii naa kenni; ani rakkinna kiyyaan nageya dhabeera.
PSA 55:3 Diinoti kiyya natti iyyan; worri hamaaleyyiin na cunqursan. Isaan farra natti fidan; aari'iin na lolan.
PSA 55:4 Gadhaan kiyya na sodaateera; bararaqi du'aa natti bu'eera.
PSA 55:5 Soda'aa fi hollatiisi na qabataneeran; guddoo sheephiseera.
PSA 55:6 Ani adoo akka saphaliisaa koola qabaadhe, silaa koolaan ka'ee addee takkatti foorfadhaayyu.
PSA 55:7 Ani silaa fagoo ideemee, goomolee keessa turaayyu.
PSA 55:8 Hobonbolatti'ii fi bubbee bokkeyaa jalaa, silaa ariifadhee gara addee itti baqadhuu hin deemaayyu.
PSA 55:9 Ee Gootta'a, ani qachaa keessatti hunnaan wolitti ka'iisaa fi wol loliisa waan dhaggeef, arrabi isaanii akka wol irraa miliqu godhi; mala isaaniille balleessi.
PSA 55:10 Halkanii fi guyyaa, isaan dalleya qachaa sanii gubbaa maran; yakka'aa fi rakkinni qachaa san keessa jiran.
PSA 55:11 Qachaa san keessa addee mara badi'itti jira; dikkoo qachaa sanii keessaa cunqursa'aa fi sobatti guuteera.
PSA 55:12 Ka na arrassu diina kiyyaa moti; adoo diina kiyya te'ee, silaa hin ossadhaayyu. Ka natti kooru, nyaapha kiyyaa moti; adoo nyaapha kiyya te'ee, silaa duraa dhokadhaayyu.
PSA 55:13 Ka tana na godhe ammoo, nama hari'aa tiyyaa, si lansa kiyya, jaala kiyya ka wolitti dhikaannu,
PSA 55:14 ka haasowa mi'aawaa woliin haasowaa, kolbaa woliin, gara mana Waaqaa ideenne.
PSA 55:15 Wonni hantuun mana isaaniitii fi gadhaa isaanii keessa waan jirtuuf, diinota kiyyatti dedhuma duuti itti dhuttuu ti; adoo jiranuu gara addee worri du'e jiruu gad bu'anuu ti.
PSA 55:16 Ani ammoo Waaqa waammadha; Mootiin Waan Maraalle na baasa.
PSA 55:17 Galgalaa fi ganama, guyyaa wodhakka'attille, rakko'oo fi gadda kiyya itti himadha; innille qoonqoo tiyya hin dhage'a.
PSA 55:18 Worri na irratti ka'u bacaa waan te'eef, inni worra na lolu jalaa, nageyaan na galcha.
PSA 55:19 Isaan waan hin jijjiiranneef, Waaqalle waan hin sodaanneef, Waaqi, ka durii jalqabee barcumaa mootummaa ifii irra jiru, daadimata kiyya dhage'ee, isaan hin salphisa.
PSA 55:20 Lansi kiyya sun jaalota ifii lole; waadaa galelle diige.
PSA 55:21 Haasonni isaa dhadha'a; gadhaa ifiititti ammoo lola yaada. Jechooti isaa zayitii caalaa lallaafa; ammoo akka shallaagaa buqqifamee ti.
PSA 55:22 Ba'aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu; inni si utuba; inni worra balchoolee ijjumaa akka raafamanu hin godhu.
PSA 55:23 Ee Waaqa, ati ammoo worra hamaa boolla qile'etti gad gatta; worri dhiiga namaa dhangalaasuu fi nama sobu, bara le'ii ifii hin wodhakkeeffatanu. Ani ammoo sitti addadha.
PSA 56:1 Kolbaan waan na ariituuf, Ee Waaqa, naaf marari; diinoti kiyya guyyaa mara na miidhan.
PSA 56:2 Diinoti kiyya guyyaa guutuu na ari'an; worri kooru ka na lolu baca'a.
PSA 56:3 Ani yennaa sodaadhu, si'itti addadha.
PSA 56:4 Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha; ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu; nami foonii maan na godhuu dande'a?
PSA 56:5 Guyyaa guutuu dubbii tiyya micciiran; isaan yennaa mara na miidhiisaaf, mala natti dhowan.
PSA 56:6 Isaan wolitti qabamanee, riphan; jiruu tiyya balleessiisaaf, tarkaaffii tiyya eegan.
PSA 56:7 Isaan yakkaa hujanee hin miliqin. Ati aarii teetiin gosa biyya adda addaa san salphisi.
PSA 56:8 Ati daaqiisa kiyya laakkotteerta; imimmaan tiyya qodaa keetitti kuucheerta; wonni kun dhugumaan kitaaba keessatti barreeffamaneeranii motii?
PSA 56:9 Yennaa ani gara keeti daadimadhu, diinoti kiyya gara duubaa hin deebi'an; Waaqi cinaa tiyya akka jiru saniin beeka.
PSA 56:10 Waaqa jecha isaa leellifadhuun, Mootii Waan Maraa jecha isaa leellifadhuun,
PSA 56:11 Waaqa itti addadhuun, ani hin sodaadhu; nami foonii maan na godhuu dande'a ree?
PSA 56:12 Ee Waaqa, waadaa sii galeeru muummessu'uu male; kennansa galataa sii dhikeessa.
PSA 56:13 Ati lubbuu tiyya du'a irraa, miila kiyyalle jigiisa irraa hamburteerta. Tanaaf, ee Waaqa, ani fuula keeti dura ifa jiru'uu keessa ideema.
PSA 57:1 Lubbuun tiyya waan sitti baqattuuf, na marari, ee Waaqa, na marari. Haga rakkoon dabartutti ani koola keeti jalatti baqadha.
PSA 57:2 Ani gara Waaqa Ol-Aana'aa, gara Waaqa waan naaf barbaachisu mara naa muummessuu hin iyya.
PSA 57:3 Inni ol-gubbaa irraa ergee na baasa; inni worra na irra sirbu hin salphisa. Waaqi jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii hin erga.
PSA 57:4 Ani worra akka neenqa nama nyaatiisaaf ila babaasuu odduu irkadhe. Ilkaan isaanii akka ebo'ootii fi daayaa ti; arrabi isaanii akka shallaagaa qaramee ti.
PSA 57:5 Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami; ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
PSA 57:6 Diinoti kiyya miila kiyyaaf fonxoroo afane; lubbuun tiyya gaddaan gad jette. Isaan karaa kiyya keessatti boolla qotane; ammoo ifumaaf keessa bu'ane.
PSA 57:7 Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu! Gadhaan kiyya hin mamu. Ani hin faarfadha; meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha.
PSA 57:8 Lubbuu tiyya dammaqi; ee kiraaraa guddicha, ee maseenqo'o dammaqa'a; anille boruu hin dayyaasa.
PSA 57:9 Ee Gootta'a, ani gosa biyya adda addaa oddu'utti si galateeffadha. Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti faaru'uun si leellisa.
PSA 57:10 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef, akka ol-gubba'aa ol fagaata; addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.
PSA 57:11 Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami; ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
PSA 58:1 Isin bulchitoota, isin dhugumaan waan sirrii te'e hin dubbattanii ree? Isin kolba'atti haqa hin murtanii ree?
PSA 58:2 Waawwo'o! Isin gadhaa keessan keessatti waan haqa hin te'in mala dhoottan; lafa irratti hunnaan namatti kaatan.
PSA 58:3 Worri hamaaleyyiin gadaamessa haadha ifiitii jalqabanee, karaa irraa goraneeran; haga dhalatanee jalqabanee, karaa fedha ifii deemaa dhara dubbatan.
PSA 58:4 Isaan akka dhudhuufa'aa hadhaa qaban; isaan akka buutii gurra duuddu'uu,
PSA 58:5 ta qoonqoo worra qorsaan muusessuu, yookiin dubbii worra qaroolee xanoo hujuulle hin dhageennee ti.
PSA 58:6 Ee Waaqa, ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccassi; Ee Mootii Waan Maraa, worra akka dardaroota neenqaa qadhiffaa qabu, qadhiffaa isaanii butuchii keessaa harcaasi.
PSA 58:7 Akka bisaan lola'ee dabaruu badanuu ti; yennaa isaan guubee qopheeffatanu, daayi isaanii tutuma te'uu ti.
PSA 58:8 Isaan akka calanqaa adoo ideemuu baquu te'anuu ti; isaan akka finna du'ee dhalatee, ka ijjumaa ifa hin dhagginii te'anuu ti.
PSA 58:9 Isaan akka haasumee jiituu yookiin godduu adoo hin bobe'in, adoo okkotee hin o'isiniin dura qilleensaan haxowantuu ti.
PSA 58:10 Worri balchaan Waaqi haluu isaaniif bayuun yennaa dhagganu, gammadaan firinxiixan; miila ifii dhiiga worra hamaaleyyi'iitiin dhiqatan.
PSA 58:11 Yennaa san namooti, «Dhugumaan worri balchaan gatii hin dhaggatan; dhugumaan Waaqi biyya lafaatitti muru hin jira» hin jedhan.
PSA 59:1 Ee Waaqa kiyya, diinota jalaa na baasi; worra na irratti ka'u irraa na eegi.
PSA 59:2 Worra hamaaleyyii jalaa na baasi; worra dhiiga namaa dhangalaasu jalaa na hamburi.
PSA 59:3 Isaan ammaayyuu riphanee na gaadan; Ee Mootii Waan Maraa, ani cubbuu yookiin dokonkora adoo hin hujin, worri hunnaameyyiin na irratti ka'an.
PSA 59:4 Ani dokonkora womaa adoo hin hujin, isaan na loliisaaf qophowaneeran. Na qarqaariisaaf ka'i; gara kiyya koyii na ilaali!
PSA 59:5 Ee Mootiin Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u, Waaqa Israa'elii, gosa biyya adda addaa adabiisaaf ka'i; worra hamaaleyyii, diinaaf dabarsee nama kennu hin mararin.
PSA 59:6 Isaan akka sare'ee gurura'aa, galgala galgala qachaa keessa loxxisan.
PSA 59:7 Waan afaan isaanii keessaa bayu ilaali; arrabi isaanii akka shallaaga'aa ti; isaan, «Nami nu dhage'u hin jiru» jedhaa yaadan.
PSA 59:8 Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo isaanitti hin kollita; gosa biyya adda addaa maratti hin murgita.
PSA 59:9 Ee Waaqa, ati jabeenna kiyya, gollaa kiyyalle waan teeteef, ani si eegadha.
PSA 59:10 Waaqi jaalala ifii ka bara baraatiin naan dura ideema; inni akka ani injifatamiisa diinota kiyyaa dhaggu hin godha.
PSA 59:11 Ee Gootta'a, wontee teenna, kolbaan injifachaa keeti akka hin deene, isaan hin ijjeesin; hunna teetiin isaan bittinneessii, isaan salphisi.
PSA 59:12 Sababa cubbuu afaan isaaniitiif, sababa dubbii arraba isaaniitiif, koora isaaniitiin qabamanuu ti. Abaarsaa fi dhara waan dubbatanuuf,
PSA 59:13 aarii teetiin isaan balleessi; ijjumaa isaan balleessi. Achiin duuba haga qaccee lafaatitti akka Waaqi kolbaa Yaaqoobii bulchu hin beekkanti.
PSA 59:14 Isaan akka sare'ee gurura'aa, galgala galgala qachaa keessa loxxisan.
PSA 59:15 Isaan akka saree sagale'eef loxxittuu, ta yoo quufuu dhadde gururaatuu ti.
PSA 59:16 Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya, addee ani itti baqadhulle waan teeteef, marroo jabeenna keetiitii fi marroo jaalala keeti ka bara baraa ganama mara hin faarfadha.
PSA 59:17 Ee Waaqa, ati gollaa kiyya, Waaqa na jaalatu, ee jabeenna kiyya, faaruu leellisaa sii dhikeessa.
PSA 60:1 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; nu caccassiteerta; nutti aarteerta; amma adde'etti nu deebisi.
PSA 60:2 Ati lafa tachoottee, dhodhoocheerta; isiin waan raafamiisatti jirtuuf, dho'a isi'ii san fayyisi.
PSA 60:3 Ati kolbaan teeti akka guddoo rakkattu gooteerta; daadhii woyni'ii ta akka nuuti tintimaa ideennu nu gootu nuu kenniteerta.
PSA 60:4 Isaan akka daaya jalaa miliqanuuf, ati worra si sodaatuuf, baandiraa akka ol kaafatanu isaaniif kenniteerta.
PSA 60:5 Kolbaan ati jaalattu akka baatu, hunna teetiin nu baasi; daadimata keennaafille deebii kenni.
PSA 60:6 Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, «Ani injifadhee, lafa ‹Sheekem› jedhantu hin hira; dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf qooda.
PSA 60:7 Latti Giil'aadii tiyya; latti Minaase'eelle tiyya; Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti; Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti.
PSA 60:8 Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti; Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf, kophee tiyya irratti hin qolaansa; Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera.
PSA 60:9 Gara qachaa guddicha dalleya dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree? Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree?
PSA 60:10 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta.
PSA 60:11 Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baaneef, diinota keenna akka lolluuf, ati nu qarqaar.
PSA 60:12 Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna; inni diinota keenna hin salphisa.
PSA 61:1 Ee Waaqa, iyya tiyya dhage'i; daadimata kiyya caqasi.
PSA 61:2 Addii kutadhee, qaccee lafaa irraa si waammadha; Gara rassaa na caalaa ol ka'eeruu san na geessi.
PSA 61:3 Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef, diinota kiyya loliisaaf, ati xelleephoo tiyya jaddu'u.
PSA 61:4 Ani bara jiruu tiyyaa mara mana keeti keessa le'uu fedha. Gaaddisa bobaa teetii jalatti baqatuu fedha.
PSA 61:5 Ee Waaqa, waadaa kiyya dhageetteerta; qooda worra maqaa keeti sodaatuuf kennite naafille kenniteerta.
PSA 61:6 Bara jiruu mootichaa irratti woggaa hedduu ede'i; inni dhalootaa haga dhaloota heddu'uu le'uu ti.
PSA 61:7 Fuula keeti duratti haga bara baraa isa mootonsi; jaalala keeti ka bara baraatii fi addatamummaa teetiin isa eegi.
PSA 61:8 Guyyuma guyya'aan waadaa kiyya eegatiisaan, yennaa mara faaru'uun maqaa keeti leellisa.
PSA 62:1 Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf, lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti.
PSA 62:2 Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya; inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.
PSA 62:3 Nama akka dalleya dhaka'aa ka duufee, akka dalleya daaqee te'e tokko, isin haga yoomii isa lolaa teettan ree?
PSA 62:4 Isaan nama san addee ulfinnaa irraa gad isa buusiisaaf barbaadan. Dhara dubbatiisatti gammadan; afaan ifiitiin hin eebbisan; gadhaa ifiitiin ammoo hin abaaran.
PSA 62:5 Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti; addiin tiyya isa irraa naa dhutti.
PSA 62:6 Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya; inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.
PSA 62:7 Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe; inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle'e.
PSA 62:8 Ee kolba'a, yennaa mara Waaqatti addadha'a; Waaqi ka itti baqannu waan te'eef, yaada gadhaa keessanii mara itti himadha'a.
PSA 62:9 Ilmaan namaa akka qilleensaa ti; namooti marti womaa moti. Isaan yoo madaalamane, qilleensa caalaa sallatan.
PSA 62:10 Hunnaan saamiisatti hin addatina'a; waan hannaan dhaggameen hin koorina'a; yoo karri teessan ede'antelle, addii itti hin godhatina'a.
PSA 62:11 Waaqi takkaa dubbateera; ani waan lama dhage'eera. Sunille, «Hunni ta Waaqaa ti;
PSA 62:12 jaalalli bara baraa ka Gootta'aa ti» ta jettu. Ee Gootta'a ati maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kaffalta.
PSA 63:1 Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya; ani si barbaada. Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee, lubbuun tiyya si dheebotti; nafi kiyyalle si dharra'a.
PSA 63:2 Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessatti si ilaalee, hunnaa fi ulfinna keeti dhagge.
PSA 63:3 Jaalalli keeti ka bara baraa jiruu waan caaluuf, arrabi kiyya si leellisa.
PSA 63:4 Ani haga jiru si leellifadha; harka kiyya ol qabadhee, maqaa keeti waammadha.
PSA 63:5 Akka sagalee dansaa nyaatteetitti, lubbuun tiyya quutte; afaan kiyya arraba ililleetti'iitiin si leellisa.
PSA 63:6 Taqee tiyya irratti si qaabadha; halkan duudii marroo teeti yaada.
PSA 63:7 Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef, gaaddisa bobaa teetii jalatti, gammadaan faarfadha.
PSA 63:8 Lubbuun tiyya sitti maxxanti; harki keeti middichi ol na qaba.
PSA 63:9 Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu, qilee lafa jalaatitti gad bu'a.
PSA 63:10 Isaan shallaagaa afaan bu'an; jeedalaaf sagalee te'an.
PSA 63:11 Mootichi ammoo Waaqaan hin gammada; worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti Waaqa hin leellisa; afaan worra dharaameyyi'ii hin cufama.
PSA 64:1 Ee Waaqa, rakkinna keessatti qoonqoo tiyya naaf dhage'i; sodaachisaa diinaa irraa na eegi.
PSA 64:2 Mala worra hama'aa duraa, waan hantuu hujiisaa worra wolitti qabamu duraa na dhossi.
PSA 64:3 Isaan arraba ifii akka shallaaga'aa qaratan; dubbii hadhoottuu akka daayaa darbatan.
PSA 64:4 Isaan dhokatanee nama yakkaa hin qannetti, sodaa malee dedhuma darbatan.
PSA 64:5 Isaan waan hantuu hujiisaaf woliin mari'atan; tiyyoo afiisaaf dhossa'aan mala dhowaa, «Eentu nu dhagga?» jedhaa yaadan.
PSA 64:6 Yaadi gadhaa namaatii fi qalbiin namaa gad fagoo waan teeteef, isaan waan hantuu mala dhowanee, «Nuuti mala dansaa dhoonneera» jedhan.
PSA 64:7 Waaqi ammoo daaya ifii gara isaanii hin darbata; isaan dedhuma hin madowan.
PSA 64:8 Waaqi dubbuma arraba isaaniitiin gara badi'ii isaan fida; worri isaan dhaggu marti murgo'oon mataa ifii itti hin raasan.
PSA 64:9 Nami marti hin sodaata; isaan hujii Waaqaa lallabaa, waan inni godhelle yaadanee hin hubatan.
PSA 64:10 Worri balchaan Mootii Waan Maraatiin gammaduu ti; isatti baqatuu ti; worri qajeelaan marti Mootii Waan Maraa leellisuu ti.
PSA 65:1 Ee Waaqa, Xiyoon keessatti si leellisuu, waadaa si'iif gallelle muummessuu qanna.
PSA 65:2 Ee ka daadimata namaa dhageettu, nami marti gara keeti hin dhufa.
PSA 65:3 Cubbuun nu moote; ati ammoo yakkaa teenna nuu araarante.
PSA 65:4 Worri ati filattee badhinna mana keetii keessa akka le'anu ka ifitti dhikeeffatte ka eebbifame. Nuuti waan dansaa mana keetii, ta Dunkaanii Woyyittii teetiitiin hin quunna.
PSA 65:5 Ee Waaqa fayyisaa keenna, hujii maade'ee ta balchumma'aatiin deebii nuuf kennita. Worri qaccee lafaa abbaaya'aan gama fagoo jiru martille addii sitti godhata.
PSA 65:6 Ati hunna teeti uffattee, jabeenna keetiin gaarota dadde.
PSA 65:7 Ati Shookkessa abbaaya'aatii fi danbalii isi'ii, caanca gosa biyya adda addaalle cadhi goota.
PSA 65:8 Bilbaasa ati gooteen, worri biyya lafaa irra le'u duudiin, hin sodaata; addee aduun baatu irraa haga addee aduun seentuutitti, ililleettiin akka dhage'antu hin goota.
PSA 65:9 Ati lafa ilaaltee, rooba kennitaaf; guddoo laattuu isii goota. Lagi Waaqaa, bisaaniin guuteera; akkas gootee waan qopheessiteef, kolbaan midhaan dhaggatti.
PSA 65:10 Fichaa qotame irratti bokkeya bacaa roobisiitta; quqquuqaa isaalle hin bulleessita; biyyee tiifu'uun laafficha; mudheen lattee akka guddattu goota.
PSA 65:11 Arjummaa teetiin bara eebbitta! Gara ati dhaxxe mara midhaan baca'atti jiraata.
PSA 65:12 Goomoleen marti bisiltee, koobotille gammada akka woya'aa uffatan.
PSA 65:13 Diidi tika hoolotaatiin, dhooqille midhaaniin guutaman; isaan ilillisaa faaruu faarfatan.
PSA 66:1 Biyyi lafaa duudiin, Waaqaaf gammadaa ilillisa'a.
PSA 66:2 Ulfinna maqaa isaatiif faarfadha'a; leellisa ulfinnaa isaaf kenna'a.
PSA 66:3 Waaqaan, «Hujiin teeti attam attam bilbaasa! Hunni teeti guddoo waan teeteef, diinoti keeti soda'aan si duratti hollatan.
PSA 66:4 Worri lafa irra jiru marti sii sagadan; isaan faaru'uun si leellisan; maqaa keeti leellisaa faarfatan» jedha'a.
PSA 66:5 Waan Waaqi godhe kowa'aa ilaala'a; inni hujii baasaa odduu kolba'aatitti hujeera.
PSA 66:6 Inni abbaayaa gargar kutee, kolbaan isaa miila ifiitiin lafa godduu irra laga Yordaanosii gamatti buute; nuutille waan inni godheen gammanne.
PSA 66:7 Inni hunna ifiitiin haga bara baraa hin bulcha; ilti isaa gosa biyya adda addaa hin eeddi. Worri isa finqilu isa irratti hin ka'in.
PSA 66:8 Ee, gosi biyya adda addaa Waaqa keenna leellisa'a; qoonqoo ol qabadha'aatii isa leellisa'a.
PSA 66:9 Inni jiru'uun nu eegee, miila keennalle akka hin mucucaanne godheera.
PSA 66:10 Ee Waaqa, ati haga nu ilaalteerta; akkuma meetiin ibiddaan dhimbiibantu, ati nu dhimbiidde.
PSA 66:11 Ati tiyyoo keessa nu galchite; ba'aa ulfaattuu dudda keenna irra keette.
PSA 66:12 Ati akka namooti mataa keenna irratti bayanu goote; ibiddaa fi bisaan keessa dabarre; amma ammoo addee wonni dansaan jirtutti nu baache.
PSA 66:13 Ani ciincaa qabadhee gara mana keetii hin seena; waan waadaa gale si'iif hin muummessa.
PSA 66:14 Waadaan sun ka ani yennaa rakkoo keessa jiru arrabi kiyya tuqee, afaan kiyya dubbate.
PSA 66:15 Ciincaa horii cocoomaatii fi ciincaa korbeeyyii hoole'ee si'iif hin dhikeessa; korommi'ii fi korbeeyyii re'e'ee hin kenna.
PSA 66:16 Isin worri Waaqa sodaattanu marti, kowa'aa dhage'a'a; ani waan Waaqi naaf godhe hin hima.
PSA 66:17 Ani guddisee gara isaa iyye; arraba kiyyaan isa saade.
PSA 66:18 Ani cubbuu gadhaa kiyya keessatti adoo dhoffadhee jiraadhee, Goottaan silaa na hin caqasuuyyu.
PSA 66:19 Waaqi ammoo dhugumaan naaf caqaseera; qoonqoo daadimata kiyyaalle dhage'eera.
PSA 66:20 Daadimata kiyya waan hin tuffatiniif, yookiin jaalala ifii ka bara baraa waan na irraa hin fudhatiniif, Waaqi leellifamuu ti.
PSA 67:1 Waaqi nu mararuu ti; nulle eebbisuu ti; fuula ifii akka nu irratti ifu godhuu ti.
PSA 67:2 Achiin duuba, karaan keeti lafa duudii irratti, fayyisiis keeti gosa biyya adda addaa mara oddu'utti hin beekkama.
PSA 67:3 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti; kolbaan marti si leellittuu ti.
PSA 67:4 Ati haqaan kolbaa maratti waan murtuuf, gosa biyya adda addaa waan sooressituuf, gosi biyya adda addaa gammadaan ilillittuu ti.
PSA 67:5 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti; kolbaan marti si leellittuu ti.
PSA 67:6 Latti midhaan baatteerti; Waaqi, Waaqayyoon keenna nu hin eebbisa.
PSA 67:7 Waaqi nu hin eebbisa; kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti.
PSA 68:1 Waaqi ol ka'uu ti; diinoti isaa bittinnowanuu ti. Worri isa jibbulle isa duraa baqatuu ti.
PSA 68:2 Akkuma qilleensi aara oofu, atille isaan oofi; akkuma gagaan ibidda duratti baqu, worri hamaalle Waaqa duraa baduu ti.
PSA 68:3 Worri balchooleen gammadanuu ti; isaan Waaqa duratti ilillisanuu ti; gammadaan firinxiixanuu ti.
PSA 68:4 Waaqaaf faarfadha'a; faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha'a; ka duumensa irra deemu saada'a; maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti; isa duratti ilillisa'a!
PSA 68:5 Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira; ijoollee abbaa hin qanneef abba'a; haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura'aa ti.
PSA 68:6 Waaqi worra qofi le'uuf maatii hin kenna; worra hidhamelle qananumma'atti hin baasa; finqiltooti ammoo goomolee godduu keessa le'an.
PSA 68:7 Ee Waaqa, yennaa ati kolbaa teeti sooressite, goomolee keessa yennaa ideente,
PSA 68:8 Waaqa gaara Siina'aa duratti, Waaqa Israa'elii duratti, latti tachootee ol-gubbaan bokkeya kennite.
PSA 68:9 Ee Waaqa, ati bokkeya bacaa roobisiitte; lafa teeti ta godde haaressite.
PSA 68:10 Kolbaan teeti achitti qubatte. Eebba keetiin worra hiyyeeyyi'iif waan isaaniif barbaachisu kennite.
PSA 68:11 Goottaan ajaja baase; dubartooti hedduun oduu san dabarsane:
PSA 68:12 «Moototii fi loltooti isaanii ariiti'iin baqatane; dubartooti mana jiranu boojuu qoodamane;
PSA 68:13 Worri hoolee tissiisaaf duubatti hafe fakkii saphaliisaa ta koolli isi'ii meetii, ta baalli isi'ii worqii bifa magariisaa itti gonfame yennaa qoodamanu isin maaf gooree hoole'ee keessa rattane?» jedhane.
PSA 68:14 Ka waan mara dande'u yennaa mootota lafa sanii bittinneesse, dhakaan bokkeyaa gaara Zaalmon irratti bu'e.
PSA 68:15 Gaarri Baashaanii gaara ol aana'a; gaarri Baashaanii qaccee hedduu qaba.
PSA 68:16 Ee isin gaaroti qaccee hedduu qaddanu, gaara Waaqi irra le'iisaaf filate, ka Mootiin Waan Maraa haga bara baraa irra le'u, maaf ila hinaaffa'aatiin ilaaltan.
PSA 68:17 Garreettaa fardo'oon harkifamu ka Waaqaa kuma hedduu woliin, Goottaan gaara Siina'aa irraa gara addee woyyittii ifii dhufa.
PSA 68:18 Mootii Waan Maraa Waaqa, ati yennaa ol baate, boojuu fudhattee gara addee leetuu dhaxxe; kolbaa mara irraa, worra si mormu irralle'ee kennansa fudhatte.
PSA 68:19 Goottaan, Waaqi fayyisaan keenna, ka guyyaa mara ba'aa teenna ba'atu, leellifamuu ti.
PSA 68:20 Waaqi keenna, Waaqa nu fayyisu; Mootiin Waan Maraa Waaqi ka du'a jalaa nu baasu.
PSA 68:21 Waaqi ammoo mataa diinota ifii, buqqii mataa worra karaa cubbuu ifiititti jabaatuu hin butucha.
PSA 68:22 Goottaan, «Ani diinota keeti biyya Baashaaniitii fi qilee abbaaya'aa keessaa deebisee hin fida;
PSA 68:23 Achiin duuba ati dhiiga isaanii keessa ijjatta; sareeleen teetille qooda ifii hin arraabbatan» jedhe.
PSA 68:24 Ee Waaqa, gogeessi worra si woliin jiruu, ka ati Waaqi mootiin kiyya gara addee woyyittii teetii seentu mudhate.
PSA 68:25 Worri faarfatu fuula duraan, worri meya faarfanna'aa dhowanu duubaan, ijoolleen durra ta dibbee dhoottu, wodhakkaa isaaniitiin jiraniiyyu.
PSA 68:26 Isaan, «Gumii guddoo keessatti Waaqa leellisa'a; gumii kolbaa Israa'elii keessatti Mootii Waan Maraa leellisa'a» jedhan.
PSA 68:27 Gosi Beniyaaminii diqqoon isaan sooressiti; qondaaltoti Yihuda'aa golii ifii woliin, qondaaltoti Zebulooniitii fi qondaaltoti Naftaalemii achi jiraniiyyu.
PSA 68:28 Ee Waaqa, hunna teeti ajaji; akkuma dur nuuf goote, ee Waaqa jabeenna keeti mudhisi.
PSA 68:29 Sababa Dunkaanii Woyyittii teeti ta Yerusaalem keessaatiif, moototi kennansa si'iif fidan.
PSA 68:30 Biyya Gibxi'ii, ta akka bineensa shonbooqqoo keessaa xixi; mootota biyya adda addaa, ta akka korommi'iitii fi jabbi'ii xixi. Akka meeti'iin gabbaranu jilbiiffatanuu ti; gosa biyya adda addaa ta lola jaalattu bittinneessi.
PSA 68:31 Ergantooti biyya Gibxi'ii irraa hin dhufan; kolbaan Itoophiya'aa harka ifii gara Waaqaa hin diriirsiti.
PSA 68:32 Ee isin mootummooti biyya lafaa Waaqaaf faarfadha'a; faaruu leellisaa Gootta'aaf faarsa'a.
PSA 68:33 Ka ol-gubbaa durii duriitii jalqaddee jirtu, gubbaa ideemuuf faarfadha'a; inni qoonqoo ifii jaddu'uun mandi'uun caqasa'a.
PSA 68:34 Waaqa arnyi isaa Israa'el irra jiru, ka hunni isaa gubbaa keessa jirtu, hunna isaa lallaba'a.
PSA 68:35 Waaqi, addee woyyittii ifii keessaa, attam attam sodaachisa; inni kolbaa ifii Israa'eliif hunnaa fi jabeenna kenna; Waaqi leellifamuu ti.
PSA 69:1 Bisaan waan morma na geyeef, Ee Waaqa na baasi!
PSA 69:2 Ani qilee caffa'aa keessa lixe; miilli kiyya waan irra dhaabbatu dhabe; ani qilee bisaanii keessa lixe; lolaan na liqinse.
PSA 69:3 Ani iyyiisaan dadhabe; laagadaan na babbaqaqe; qarqaarsa Waaqaa eeggatiisaan ilti tiyya dadhadde.
PSA 69:4 Worri sababa malee na jibbu, rifeensa mataa kiyyaa caalaa bacata; diinoti kiyya worri dharaan na himatu, ka na balleessiisaaf barbaadu heddu'u. Ani waan hin hatin ade'etti deebisuu qabaa ree?
PSA 69:5 Ee Waaqa, ati gowwummaa tiyya hin beetta; yakkaan tiyya si duraa dhokattee hin jirtu.
PSA 69:6 Ee Waaqa waan mara dande'u, worri si addatu, sababa kiyyaaf hin fokkifatin. Ee Waaqa Israa'elii, worri si barbaadu sababa kiyyaaf hin qaanowin.
PSA 69:7 Ani si'iif jedhee arraba ossadhe; ani si'iif jedhee fokkoo uffadhe.
PSA 69:8 Ani obboleeyyan tiyyatti orma, ilmaan haadha tiyyaatitti alagaa te'e.
PSA 69:9 Hinaaffaan mana keetiif qabu na gudde; arrabi si arrassanu na irra bu'e.
PSA 69:10 Yennaa ani laamee bowe, isaan na arrassane.
PSA 69:11 Woyaa gaddaa yennaa uffadhe, nama ittiin mammaakanu isaaniif te'e.
PSA 69:12 Ani waan worri addee yaa'ii tee'u ittiin mammaaku te'e; worri machowulle marroo tiyya sirba.
PSA 69:13 Ee Mootii Waan Maraa, yennaa si biratti fudhatama qaddutti ani gara keeti daadimadha; ee Waaqa jaalala keeti ka bara baraatiin, fayyisiisa keeti ka dhuga'aatiin, deebii naaf kenni.
PSA 69:14 Dhoqqee keessa lixiisa irraa na hamburi; diinota kiyya jalaa, qilee bisaanii keessaa na baasi.
PSA 69:15 Lolaan na fudhatee hin deemin; yookiin qileen na hin liqinsin; yookiin boolli na irratti hin cufamin.
PSA 69:16 Ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa dansaa waan te'eef, deebii naaf kenni; marartii teeti guddo'oon gara kiyya deebi'i.
PSA 69:17 Fuula keeti ana tajaajilaa keeti duraa hin dhoffatin; ani rakkoo guddoo keessa waan jiruuf, ariifadhuu deebii naaf kenni.
PSA 69:18 Natti dhikaadhuu na wodi; dhiibbii diinota kiyyaatiif jedhii na baasi.
PSA 69:19 Arraffamiisa kiyya, qaanowiisa kiyya, salphatiisa kiyyalle hin beetta; ati diinota kiyya mara dhaggita.
PSA 69:20 Arrabi na miidhee, anille addii kutadhe; nama naaf nayu barbaadee, ammoo dhabe. Nama na jajjabeessulle barbaadee, ammoo tokkolle hin dhagganne.
PSA 69:21 Akka nyaadhuuf hadhaa naaf kennane; dheebuu tiyyaaf daadhii woyni'ii dhangaggoottuu naaf kennane.
PSA 69:22 Qoriin isaanii fonxoroo isaanii teetuu ti; worra isaan woliin nyaatuufille tiyyoo teetuu ti.
PSA 69:23 Akka hin dhaggine, ilti isaanii dukkanoottuu ti; hidhi isaanii yennaa mara lellequu ti.
PSA 69:24 Mufii teeti isaan irratti dhangalaasi; aariin teeti ta bobeettu isaan dhaqqadduu ti.
PSA 69:25 Quttumi isaanii onuu ti; dunkaanii isaanii keessa nami hin le'in.
PSA 69:26 Isaan worra ati dhaante ari'an; marroo farra worra ati madeessitee haasowan.
PSA 69:27 Yakkaa ifii irratti yakkaa akka dabalatanuuf isaan lakkisi; gara balchummaa teetii isaan hin fidin.
PSA 69:28 Maqaan isaanii galmee worra jiraata'aa keessaa haqamuu ti; isaan worra balchoolee woliin hin galmeeffamin.
PSA 69:29 Ani ammoo farraa fi rakkinna guddaa keessa jira; ee Waaqa, fayyisiisi keeti ol na qabuu ti.
PSA 69:30 Ani faaru'uun maqaa Waaqaa hin leellisa; galatalle'een isa ulfeessa.
PSA 69:31 Kun korma yookiin dardara gaafaa fi qeenca qabu caalaa, Mootii Waan Maraa hin gammachiisa.
PSA 69:32 Worri cunqurfame tana dhaggee hin gammada; isin worri Waaqa barbaaddanu gadhaan keessan jajjabaatuu ti;
PSA 69:33 Mootiin Waan Maraa worra rakkata'aaf hin dhage'a; kolbaa ifii worra hidhameerulle hin tuffatu.
PSA 69:34 Ol-gubba'aa fi latti, abbaaya'aa fi wonni isii keessa munyuuqu marti isa leellisanuu ti.
PSA 69:35 Waaqi qachaa Xiyoonii hin baasa; qachoota Yihuda'aalle deebisee hin ijaara. Kolbaan isaalle achitti qubattee, lafa san hin qabatti.
PSA 69:36 Ijoolleen tajaajiltoota isaa lafa san hin dhaalti; worri maqaa isaa jaalatulle lafa san keessa hin le'a.
PSA 70:1 Ee Waaqa na baasi; Mootii Waan Maraa kiyya na qarqaariisaaf ariifadhu.
PSA 70:2 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu, fokkifatee jaanjuruu ti; worri na miidhiisaaf halchu, salphatee gara duubaa deebi'uu ti.
PSA 70:3 Worri, «Baga, baga!» naan jedhu, fokkifatee gara duubaa deebi'uu ti.
PSA 70:4 Worri si barbaadu marti ammoo, si'iin gammadee firinxiixuu ti. Worri fayyisiisa keeti jaalatu marti, yennaa mara, «Waaqi gudda'a» jedhuu ti.
PSA 70:5 Ani rakkataa hiyyeessa; Ee Waaqa, ariifadhuu gara kiyya koy; Ee Mootii Waan Maraa kiyya ati qarqaara'aa fi fayyisaa kiyya na irraa hin turin.
PSA 71:1 Ee Mootii Waan Maraa, ani sitti baqadheera; ani ijjumaa hin fokkifatin.
PSA 71:2 Ati balchummaa teetiin na baasiitii, na hamburi; gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, na baasi.
PSA 71:3 Ati rassaa kiyya ka ani itti baqadhu, ka ani yennaa mara itti dhokadhu naa te'i; ati rassaa kiyyaa fi kushee jadduu tiyya waan teeteef, na hamburiisaaf, ajaja baatteerta.
PSA 71:4 Ee Waaqa, harka worra hamaaleyyi'ii, harka worra hantuu hujuutii fi harka worra gadhi-jabeeyyi'ii keessaa na baasi.
PSA 71:5 Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa, ati addii tiyya waan teeteef, dargaggummaa tiyyaa jalqaddee ka ani itti addadhu.
PSA 71:6 Gadhaa haadha tiyyaa keessaa akka dhaladhu sittuu godhe; dhaloota kiyyaa jalqabee sitti irkadheera; ani yennaa mara si leellisa.
PSA 71:7 Ani nama heddu'uuf fakkeenna te'eera; ati ammoo addee jadduu ani itti baqadhu.
PSA 71:8 Guyyaa guutuu leellisii fi ulfinni keeti afaan kiyya guuteera.
PSA 71:9 Yennaa ani dulloometti na hin gatin; yennaa ani jabeenna kiyya dhabetti na hin lakkisin.
PSA 71:10 Diinoti kiyya waan hantuu na irratti dubbatan; worri na ijjeesiisaaf barbaadu, woli woliin mari'atan.
PSA 71:11 Isaan, «Waaqi isa lakkiseera; ka isa baasu hin jiru; ari'a'aatii qaba'a» jedhan.
PSA 71:12 Ee Waaqa, na irraa hin fagaatin; Ee Waaqa kiyya, na qarqaariisaaf ariifadhu.
PSA 71:13 Worri diina natti te'u fokko'oon baduu ti; worri na miidhiisaaf barbaadu, tuffatamaa fi salphinna uffatuu ti.
PSA 71:14 Ani yennaa mara addii si godhadha; ittuma ede'ee, ede'ee si leellisa.
PSA 71:15 Laakkossa hujii balchummaa teetiitii fi fayyisiisa keetii haga wollaalulle, afaan kiyya guyyaa guutuu hin dubbata.
PSA 71:16 Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa, ani dhufee hujii teeti jadduu san, balchummaa teeti qofa lallaba.
PSA 71:17 Ee Waaqa, dargaggummaa tiyyaa jalqaddee, ati na barsiitteerta; ani haga ammaa hujii teeti ta maade'ee odeessa.
PSA 71:18 Hunna teeti dhaloota dhufuuf, hujii teeti ta maade'ee worra dhufu'uu jiru maraaf, haga odeessutti ani dulloomee arrii baasulle, Ee Waaqa, na hin lakkisin.
PSA 71:19 Ee Waaqa, balchummaan teeti guddattee ol-gubbaa geetteerti; ati waan guddoo hujjeerta; ee Waaqa, ka akka keetii eennu?
PSA 71:20 Ati rakkoo heddu'uu fi farra akka dhaggu na gootulle, ati ammalle jiruu tiyya adde'etti deebittee, qilee lafa jalaa keessaa ol na hin baatta.
PSA 71:21 Ati ulfinna kiyya itti edeeta; ammalle deebittee na hin jajjabeessita.
PSA 71:22 Ee Waaqa kiyya, marroo addatamummaa teetiitiif, ani kiraara guddichaan si leellisa; Ee Woyyicha Israa'elii, ani maseenqo'oon faaruu leellisaa sii faarsa.
PSA 71:23 Yennaa ani faaruu leellisaa si'iif faarsu, afaan kiyya, lubbuun tiyya ta ati wodattelle si'iif hin ilillisan.
PSA 71:24 Worri na miidhiisaaf barbaadu, fokkifatee waan salphateef, arrabi kiyya guyyaa guutuu balchummaa teeti dubbata.
PSA 72:1 Ee Waaqa, haqa muriisa keeti mootichaaf, balchummaa teetille isaaf kenni.
PSA 72:2 Innille kolbaa teeti balchumma'aan, hiyyeeyyiille haqaan hin bulcha.
PSA 72:3 Gaaroti nageya, koobotille balchummaa hin kennan.
PSA 72:4 Mootichi odduu kolba'aatitti worra cunqurfameef hin falmata; inni ijoollee worra hiyyeeyyi'ii hin baasa; cunqursitoota hin butucha.
PSA 72:5 Haga adu'uu fi ji'i le'anu, mootichi dhalootaa haga dhalootaatitti bulchuu ti.
PSA 72:6 Inni akka bokkeya fichaa marri irraa haamame irratti roobuu, akka tiifuu lafa jiittuu te'uu ti.
PSA 72:7 Bara isaatitti balchaan hin daraara; haga ji'i ifa kennu mara, nageenni hin bacata.
PSA 72:8 Inni abbaayaa irraa haga abbaaya'aatitti, laga Efraaxiisii irraa haga qaccee lafaatitti bulchuu ti.
PSA 72:9 Worri goomolee keessa le'u isa duratti sagaduu ti; diinoti isaa biyyee arraabanuu ti.
PSA 72:10 Moototi Tarshiishii, ta oddoola keessaa, gibira isaaf fidanuu ti; moototi Sheeba'aatii fi Saaba'aalle kennansa isaaf dhikeessanuu ti.
PSA 72:11 Moototi marti isaaf sagadanuu ti; gosi biyya adda addaa marti isa tajaajilanuu ti.
PSA 72:12 Inni worra hiyyeeyyii gara isaa iyyu, worra rakkataa nama qarqaaru hin qanne hin baasa.
PSA 72:13 Inni worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyi'iif gadhaa laafa; jiruu worra rakkata'aalle hin hambura.
PSA 72:14 Dhiigi isaanii isa duratti gatii-qabeessa waan te'eef, inni cunqurfamiisaa fi hunnaan irratti ka'iisa irraa, lubbuu isaanii hin woda.
PSA 72:15 Mootichi bara dheeraa le'uu ti; worqiin biyya Sheeba'aa isaaf kennantuu ti; kolbaan yennaa mara isaaf daadimattuu ti; guyyaa guutuu isa eebbittuu ti.
PSA 72:16 Lafa san keessa midhaan bacatuu ti; koobota gubba'atti latuu ti; midhaan inni buusulle akka midhaan Libaanonii misuu ti; Kolbaan qachaa keessaa, akka marra diida keessaa bacattuu ti.
PSA 72:17 Maqaan isaa haga bara baraa jabaatee le'uu ti; gurri isaa haga bara aduun jirtu mara jiraatuu ti. Gosi biyya adda addaa marti isaan eebbifantuu ti; Isaan, «Inni eebbifama'a» jedhanee isa waamanuu ti.
PSA 72:18 Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii, ka qofuu waan maade'ee huju, leellifamuu ti.
PSA 72:19 Maqaan isaa ulfaataan haga bara baraa leellifamuu ti; biyyi lafaa duudiin ulfinna isaatiin guutantuu ti. Ameen! Ameen!
PSA 72:20 Daadimati Daawitii ilma Iseyii as irratti muummowe.
PSA 73:1 Worra Israa'elootaa ka gadhaa qulqullu'uutiif, Waaqi dhugumaan dansa'a.
PSA 73:2 Ani akka kiyyatti ammoo, miilli kiyya fallaadee, mucucaadhee jigiisaaf diqqoo hafe.
PSA 73:3 Ani worri hamaan qananoomuun dhaggee, worra ifi jaju hinaafe.
PSA 73:4 Isaan dhiboo waan hin qanneef, nafi isaanii fayya'a; gabbaalle'e.
PSA 73:5 Isaan akka worra dhibi'ii rakkinna hin qabanu; akka kolbaa dhibi'ii balaan isaan hin dhaqqabu.
PSA 73:6 Tanaaf, isaan koora akka seesa mormaa mormatti naqataneeran; hunnaan nama irratti ka'iisa akka woya'aa uffataneeran.
PSA 73:7 Ila isaanii coomatti iitessee gad baase; gadhaa isaanii hammeennatti guutee irraa dhangala'e.
PSA 73:8 Isaan namatti murgaa waan hantuu dubbatan; kooraan nama cunqursan.
PSA 73:9 Afaaniin Waaqa ol-gubba'aa arrassan; arrabaan lafa duudii dhaqqaban.
PSA 73:10 Tanaaf, kolbaan Waaqaa gara isaanii deebitee, waan isaan jedhanu mara fudhatti.
PSA 73:11 Isaan, «Waaqi attam beekuu dande'a? Waaqi Ol-Aanaan beekkumsa qabaa?» jedhan.
PSA 73:12 Worri hamaan akkas jiran; yennaa mara qanannumma'aan le'aa, durummaa ede'atan.
PSA 73:13 Gadhaa kiyya qulqulleeffachuun, yakkaa hujiisa irraa ifi eeggachuun kiyya tolumaa ree?
PSA 73:14 Guyyaa guutuu balaan na dhaqqabe; ganama mara adabame.
PSA 73:15 Ani adoo, «Akkuma isaanii hin dubbadha» jedhee jiraadhee, kolbaa teeti dabarsee kenneeraayyu.
PSA 73:16 Ani yennaa waan kana hubatiisaaf itti yaade ammoo, akka malee rakkisaa natti teete.
PSA 73:17 Ani haga Dunkaanii Woyyittii seenee, waan worri hamaan te'u hubadhutti, akka malee na rakkitte.
PSA 73:18 Ati dhugumaan lafa mucucaattu irra isaan dhaabbachiitta; jiganee akka badanu isaan goota.
PSA 73:19 Isaan attam attam dedhuma badane! Isaan attam attam bararaqiisaan muxuqi jedhane!
PSA 73:20 Akkuma wonni oojju'uun dhaggane, yennaa dammaqane dhabantu, Ee Gootta'a, yennaa ati kaatu, isaan ila teeti duraa hin dhabaman.
PSA 73:21 Yennaa lubbuun natti hadhootte, yennaa gadhaan na cite,
PSA 73:22 ani nama gowwaa, woy hubatuu hin dandeenne te'ee, si duratti akka hori'ii te'e.
PSA 73:23 Te'uu malee, ani yennaa mara si'uma woliin jira; atille harka kiyya middicha na qadda.
PSA 73:24 Ati gorsa keetiin na sooressita; muummee irratti gara ulfinnaa na hin fudhatta.
PSA 73:25 Ol-gubba'atti si malee eennu qaba ree? Lafa irralle'etti si malee ka ani barbaadu, ka dhibiin hin jiru.
PSA 73:26 Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande'an; Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi qooda kiyya ka bara baraa ti.
PSA 73:27 Kunoo, worri si irraa fagaatu hin bada; worra si'iif hin addatanne ati hin balleessita.
PSA 73:28 Anaaf ammoo gara Waaqa dhikaatiisi dansa'a; hujii teeti mara odeessiisaaf, ani si Goottaa Mootii Waan Maraa addee itti baqadhu godhadheera.
PSA 74:1 Ee Waaqa, ati maaf ijjumaa nu lakkitte? Hoolota tika keeti jala jiranu irratti, aariin teeti maaf bobeette?
PSA 74:2 Kolbaa teeti ta durii jalqaddee ifiif filatte, ta gosa teeti akka te'anuuf garbummaa keessaa wodatte, gaara Xiyoonii, ka dhuttee irra qubatte qaabadhu.
PSA 74:3 Diinoti waan mana keeti keessaa mara balleessaneeran; koyiitii waan diigamee hafe kana ilaali.
PSA 74:4 Diinoti keeti mana keeti keessaa bookkisane; beessisa ifii ittiin beekkamanulle achi dhaabbataneeran.
PSA 74:5 Isaan namoota gongomaa keessaa muka muriisaaf, agaraa fudhatanu fakkaatan.
PSA 74:6 Seesa muka irraa qiriixamee hujame mara, agara'aa fi burrisaan butuchane.
PSA 74:7 Isaan mana keeti ibiddaan gubane; addee maqaan keeti itti waamamu batteessane.
PSA 74:8 Isaan gadhaa ifii keessatti, «Ijjumaa isaan hin balleessina» jedhane; isaan lafa san keessatti addee Waaqi itti waaqonfamu mara gubane.
PSA 74:9 Haganaa achi beessisi hin jiraatu; raagille hin jiraatu; Kun haga yoomii akka te'u, nu keessaa nami beeku hin jiru.
PSA 74:10 Ee Waaqa haga yoomii diinoti sitti murgan? Haga yoomii nyaaphoti maqaa keeti tuffatan ree?
PSA 74:11 Ati maaf isaan hin adabin? Maaf isaan hin balleessin?
PSA 74:12 Ee Waaqa, durii duriitii jalqaddee, ati mootii kiyya; ati fayyisiisa keeti lafa irratti fidde.
PSA 74:13 Ati hunna teetiin abbaayaa gargar kutte; mataa bineensota jawwee fakkaatuu ka abbaayaa keessaa butuchite.
PSA 74:14 Ati mataa hedduu bineensa naacha fakkaatu ka abbaayaa keessaa ka, «Lewaataan» jedhamu butuchite; foon isaa bineensota goomole'eetiif, sagalee gootee kennite.
PSA 74:15 Ati maddaa fi caancoo akka maddu goote; laga yennaa mara yaa'u gossite.
PSA 74:16 Guyyaan keeti; halkanille keeti; adu'uu fi ji'alle addee isaaniititti sittuu keye.
PSA 74:17 Ka meessaa lafaa tolche si'i; bonaa fi gannalle sittuu dade.
PSA 74:18 Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti attam akka si irratti murgane, kolbaan gowwaan maqaa keeti attam akka tuffatte qaabadhu.
PSA 74:19 Lubbuu kolbaa teetii worra akka saphaliisaa, bineensatti dabarsitee hin kennin. Jiruu kolbaa rakkattuu teetii haga bara baraa hin dedhin.
PSA 74:20 Lafa addee dukkanaa keessatti, hunnaan nama irratti ka'iis waan guuteeruuf, ati gondooroo teeti qaabadhu.
PSA 74:21 Worri cunqurfame fokkifatee akka deebi'u hin godhin; worri hiyyeeyyi'ii fi deegi maqaa keeti leellisanuu ti.
PSA 74:22 Ee Waaqa ka'i! Waan keeti falmadhu; worri gowwaan guyyaa guutuu akka sitti murgu qaabadhu.
PSA 74:23 Hogaa nyaapha keetiitii fi harqiisa diina keetii hin dedhin.
PSA 75:1 Ee Waaqa, nuuti si galateeffanna; maqaan keeti dhikoo waan jiruuf, nuuti si galateeffanna; kolbaan hujii teeti ta maade'ee hin odeessiti.
PSA 75:2 Waaqa ati, «Ani yennaa muraa kennu murteesseera; ani yennaa sanitti muraa sirri'ii hin kenna.
PSA 75:3 Yennaa lafaa fi wonni isii irraa marti tachootu, utubaa isi'ii ka jabeessu ana.
PSA 75:4 Ani worra kooruun, ‹Haganaa achi hin koorina'a!› Worra hamoole'een, ‹Gaafa hin baasina'a!
PSA 75:5 Gaafa keessan gara ol-gubba'aa ol hin togina'a! Morma yaafattanee hin dubbatina'a!› jedhaan» jetta.
PSA 75:6 Ulfinni baya adu'uu irraa, yookiin seensa adu'uu irraa, yookiin goomolee keessaa hin dhufu.
PSA 75:7 Muraa ka kennu ammoo Waaqa; inni tokko gadi qabee, kaan ol hin qaba.
PSA 75:8 Mootiin Waan Maraa muduunuu daadhii woyni'ii ta mufi'ii hoomachoottuu harkaa qaba; inni gad isii cossa; worri hamaaleyyiin lafaa marti, cingifatanee unan.
PSA 75:9 Ani ammoo haga bara baraa tana hin lallaba; Waaqa Yaaqoobii faaru'uun hin leellisa.
PSA 75:10 Inni hunna worra hamoole'ee hin cassa; hunni worra balchoole'ee ammoo hin ede'anti.
PSA 76:1 Waaqi biyya Yihuda'aatitti beekkama'a; Israa'el keessatti maqaan isaa gudda'a.
PSA 76:2 Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa; addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra.
PSA 76:3 Inni achitti daaya balaqqisaa deentu, wontee, shallaaga'aa fi meya woraanaa mara caccasse.
PSA 76:4 Ee Waaqa ati attam attam ulfaata'a! Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala.
PSA 76:5 Worri jannooti saamamanee, akka malee rafaneeran; isaan keessaa tokkolle, harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne.
PSA 76:6 Ee Waaqa Yaaqoobii, xixicha keetiin abbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane.
PSA 76:7 Ati ammoo sodaatama'a; yennaa aariin teeti kaate, eentu si dura dhaabbatuu dande'a?
PSA 76:8 Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite; biyyi lafaalle sodaattee cadhitte.
PSA 76:9 Ee Waaqa, worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf, yennaa ati muraa kenniisaaf kaate, biyyi lafaa cadhitte.
PSA 76:10 Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf, kolbaan si leellifatti; worri mufii teeti irraa hafe waan hantuu hujiisa hin lakkisa.
PSA 76:11 Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniif waadaa gala'a; waan waadaa galtane san muummessa'a. Worri lafa adaala isaa jiru marti ka sodaatamu'uu maleef kennansa fidanuu ti.
PSA 76:12 Inni qondaaltota kooranu gad qaba; mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa.
PSA 77:1 Ani qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya; akka inni naaf dhage'u, qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya.
PSA 77:2 Yennaa rakkinnaa keessa Goottaa barbaadadhe; halkan guutuu harka kiyya diriirse; te'uu malee ani hin jajjabaanne.
PSA 77:3 Ee Waaqa, ani yennaa si qaabadhu hin aada; yennaa guddisee itti yaadu hin gaggaba.
PSA 77:4 Ati ila wolitti qabatiisa na dhooggite; haga dubbatiisa dadhabutti rakkadhe.
PSA 77:5 Ani marroo bara durii yaade; woggoota durii durii qaabadhe.
PSA 77:6 Halkan keessa faaruu tiyya ta durii qaabadhe; ani guddisee itti yaadee, yaada kiyya qorqoree,
PSA 77:7 «Goottaan haga bara baraa nu hin gataa? Inni ijjumaa deebi'ee nu'uuf hin nayuu?
PSA 77:8 Jaalalli isaa ka bara baraa, haga bara baraa dhumatee? Waadaan inni gale yoona hin muummowuu ree?
PSA 77:9 Waaqi marartii dedhee? Aariin gadhi-laafummaa isaa dhooggitee ree?» jedhe.
PSA 77:10 Achiin duuba ani, «Hunni Waaqa Ol Aana'aa waan jijjiiranteef, gaddee laaleffadhe» jedhe.
PSA 77:11 Ee Mootii Waan Maraa, ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha; bilbaasota ati dur goote hin qaabadha.
PSA 77:12 Ani marroo hujii teetii mara hin heda; hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha.
PSA 77:13 Ee Waaqa, karaan keeti woyyicha; waaqota keessaa guddaan akka Waaqa keennaa eennu?
PSA 77:14 Ati Waaqa bilbaasa huju; ati gosa biyya adda addaa oddu'utti hunna teeti mudhitteerta.
PSA 77:15 Ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobiitii fi Yoseefii, hunna teeti jaddu'uun wodatteerta.
PSA 77:16 Ee Waaqa bisaan hedduun si dhagganee sodaatane; qileen abbaaya'aalle raafante.
PSA 77:17 Duumensi bisaan gad coccosse; gubbaa irraa mandiisuun mandiite. Balaqqeettiin akka daayaa gara mara balaqqitte.
PSA 77:18 Hobonbolattii keessa mandiisuun dhage'ante; balaqqeettiin biyya lafaa issite; latti rommitee tachoote.
PSA 77:19 Abbaayaa keessa karaa, bisaan gugurdaa keessa daandii godhatte; faanti miila keetii ammoo hin mudhanne.
PSA 77:20 Harka Muuse'eetii fi Aaroniitiin akka nama hoolee tissuu ati kolbaa teeti sooressite.
PSA 78:1 Ee kolbaa tiyya, barsiisa kiyya caqasa'a; gurra keessan gara dubbii afaan kiyyaa deebifadha'a.
PSA 78:2 Ani fakkeennaan afaan kiyya hin saaqadha; dubbii dhossa'aa ta durii jalqaddee dhoffante hin mudhisa.
PSA 78:3 Dubbiin tun ta dhageennee hin beenne, ta abbootiin teenna ta durii nutti hinte,
PSA 78:4 nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu; marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa, marroo bilbaasa inni hujee, dhaloota dhufutti hin hinna.
PSA 78:5 Inni ajaja sanyii Yaaqoobiitiif kennee, seera Israa'el keessatti baasee, ijoollee ifiille akka barsiisanu abbootii teenna ta durii ajaje.
PSA 78:6 Wonni inni tana godheef, dhalooti itti aanu tana akka beeku, worri amma hin dhalatinille ijoollee ifii akka barsiisu.
PSA 78:7 Achiin duuba ijoolleen sun Waaqatti addatti; hujii Waaqaalle hin deetu; ajaja isaalle yennaa mara eeggatti.
PSA 78:8 Isaan akka abbootii ifii ta durii, mati-jabeeyyi'ii fi worra Waaqa irratti ka'u, worra gadhaan isaanii Waaqaaf addatamumma'aan hin jabaanne, worra qalbiin isaanii Waaqaaf hin addatanne hin te'anu.
PSA 78:9 Loltooti worri Efreemii worri guube'ee fi daaya qabataneeranu, guyyaa lolaa baqatane.
PSA 78:10 Isaan gondooroo Waaqaa hin eeganne; akka seera isaatitti deemuu didane.
PSA 78:11 Isaan waan inni hujee fi bilbaasota inni itti mudhise dedhane.
PSA 78:12 Biyya Gibxi'iititti, diida Zo'aaniititti, fuula abbootii isaanii duratti Waaqi bilbaasota huje.
PSA 78:13 Inni abbaayaa gargar kutee, keessa isaan dabarse; bisaanille akka tuula'aa dhaabbachiise.
PSA 78:14 Guyyaa duumensaan, halkan guutuu ifa ibiddaatiin isaan sooresse.
PSA 78:15 Inni lafa goomole'ee keessatti rassaa dhoosee, bisaan akka bisaan abbaaya'aa, kenneefii isaan obaase.
PSA 78:16 Inni rassaa keessaa bisaan baasee, akka lagaa lolaase.
PSA 78:17 Isaan ammoo ittuma ede'anee isa irratti cubbuu hujanee, goomolee keessatti Waaqa Ol Aanaa irratti ka'ane.
PSA 78:18 Isaan sagalee halchane gaafatiisaan, Waaqa haga ilaalane.
PSA 78:19 Isaan Waaqa irratti ka'anee, «Waaqi goomolee keessatti sagalee qopheessee hin dande'aa?
PSA 78:20 Yennaa inni rassaa dhowe, bisaan akka lagaa keessaa lola'e. Inni ammoo sagaleelle nuu kennuu hin dande'aa ree? Yookiin kolbaa ifiitiif foon kennuu hin dande'aa ree?» jedhane.
PSA 78:21 Mootiin Waan Maraa yennaa tana dhage'e, aaree bobe'e; sanyii Yaaqoobii irratti ibiddi gabbate; aariin isaa Israa'el irratti bobeette.
PSA 78:22 Wonni tun teeteef, isaan Waaqatti hin dhugeeffanne; akka inni isaan fayyisulle isatti hin addanne.
PSA 78:23 Te'uu malee, inni duumensa gubba'aa ajajee, balbala ol-gubba'aa bane;
PSA 78:24 akka isaan nyaatanuuf mannaa gad isaaniif roobisiisee, midhaan ol-gubba'aa isaaniif kenne.
PSA 78:25 Maarre isaan sagalee ergantoota Waaqaa nyaatane; Waaqi sagalee isaan quussitu isaaniif erge.
PSA 78:26 Inni qilleensi baya adu'uu akka ka'u godhe; hunna ifiitiin qilleensa kibbaalle kaase.
PSA 78:27 Inni foon akka biyye'ee bacatu, barbadi-kille akka maansa abbaaya'aa isaaniif roobisiise.
PSA 78:28 Gororrii san quttuma isaanii keessa, adaala dunkaanii isaanii maratti gad harcaase.
PSA 78:29 Inni waan isaan dharra'ane waan isaanii kenneef, isaan nyaatanee akka malee quufane.
PSA 78:30 Ammoo adoo isaan dharraa hin bayinuu, adoo nyaatiisatti jiranuu,
PSA 78:31 Waaqi isaanitti aaree, isaan keessaa worra jajjabaa ijjeese; dargaggeeyyii Israa'eliille qoome.
PSA 78:32 Tana mara keessatti isaan cubbuu hujiisa hin lakkinne; bilbaasa inni godhelle hin dhugeeffanne.
PSA 78:33 Tanaaf, inni ganna isaanii akka hafuura baafata tokkochaa godhee, jiruu isaanii bararaqaan fixachiise.
PSA 78:34 Yennaa inni isaan keessaa ijjeese, isaan isa barbaadane; cubbuu irraa deebi'anee, gadhaa tokkochaan gara isaa deebi'ane.
PSA 78:35 Isaan Waaqi rassaa isaanii, Waaqi Ol Aanaan wodoo isaanii akka te'e qaabatane.
PSA 78:36 Isaan ammoo afaaniin isa kookkisane; arraba ifiitiin soba isatti dubbatane.
PSA 78:37 Gadhaan isaanii isaaf hin addatanne; gondooroo isaalle hin eeganne.
PSA 78:38 Waaqi ammoo kolbaa ifiitiif mararee, yakkaa isaaniif araarame malee, isaan hin balleessine; inni yennaa hedduu aarii ifii caffate; mufii ifii mara ol hin kaanne.
PSA 78:39 Inni nama foonii qofa te'iisa isaanii, qilleensa dabaru, ka deebi'ee hin dhunne akka te'ane qaabate.
PSA 78:40 Isaan goomolee keessatti yennaa hedduu isa irratti ka'anee, gammoojjii keessatti yennaa hedduu isa gaddisiisane.
PSA 78:41 Isaan itti deddeebi'anee Waaqa haga ilaalane; Woyyicha Israa'elii gaddisiisane.
PSA 78:42 Isaan hunna isaa, ta guyyaa inni diinota jalaa isaan wodee,
PSA 78:43 biyya Gibxi'ii keessatti hujii baasaatii fi bilbaasota inni diida Zo'aaniititti huje hin qaabanne.
PSA 78:44 Inni bisaan laga isaanii mara gara dhiigaa jijjiire; tanaaf worri Gibxi'ii bisaan yaa'u keessaa unuu hin dandeenne.
PSA 78:45 Inni tiiticha isaan iddu, raacha isaan balleessu itti erge.
PSA 78:46 Midhaan isaanii korophiisaaf, eloo isaanii awwaannisaaf kenne.
PSA 78:47 Muka woynii isaanii dhakaa roobaatiin, muka harru'uu ka isaanii qorraan balleesse.
PSA 78:48 Loon isaanii dhakaa roobaatiin, karra horii isaanii banqo'oon fixe.
PSA 78:49 Inni aarii ifii ta bobeettu, mufii ifii, aarii jaddu'uu fi golii ergantoota Waaqaa ta balaa badi'ii hiikee isaanitti gad lakkise.
PSA 78:50 Inni aarii ifiitiif daandii qopheesse; lubbuu isaanii bala'aaf dabarsee kenne malee, du'a irraa isaan hin hamburre.
PSA 78:51 Inni biyya Gibxi'ii keessatti, angafa te'ee ka dhalate, ilma angaficha mara dunkaanii sanyii Kaamii keessatti ijjeese.
PSA 78:52 Achiin duuba inni kolbaa ifii akka hoole'ee achii baasee, akka tika hoole'eelle goomolee keessa isaan sooresse.
PSA 78:53 Inni nageyaan waan isaan sooresseef, isaan hin sodaanne; diinota isaanii ammoo abbaayaan liqinsite.
PSA 78:54 Inni gara lafa woyyittii ifii, gara gaara harka ifii middichaan injifatee qabateeruu isaan fide.
PSA 78:55 Inni gosa biyya adda addaa isaan duraa ari'ee baase; lafa isaanii isaan dhaalchisee, mana isaaniille gosa Israa'eliitiif qoode.
PSA 78:56 Isaan ammoo Waaqa Ol Aanaa haga ilaalanee, isa irratti ka'ane; seerata isaalle hin eeganne.
PSA 78:57 Isaan akkuma abbootii ifii ta durii irraa garagalanee, addatamuu dhabanee akka guubee qajeelatti daaya hin darbannee micciiramane.
PSA 78:58 Addee waaqonfannaa ifiitiin isa aarsane; waaqota dharaa ifiitiin hinaaffa'atti isa kaasane.
PSA 78:59 Waaqi tana yennaa dhage'e, aaree bobe'e; inni ijjumaa Israa'el gate.
PSA 78:60 Inni addee bultoo ifii, ka Shiilo'oo, dunkaanii odduu namaatitti keessa bulu lakkise.
PSA 78:61 Inni Saanduqa Gondooro'oo, ka beessisa hunnaa isaatii fi ulfinna isaa te'e, harka diinaatitti booju'uuf dabarsee kenne.
PSA 78:62 Inni kolbaa ifiititti guddoo aaree, shallaaga'aaf dabarsee kenne.
PSA 78:63 Dargaggeeyyii isaanii ibiddi fixe; durri isaanii nama heerumtu dhadde.
PSA 78:64 Hayyooti isaanii shallaaga'aan dhumatane; niitoti isaanii isaaniif bowiisa hin dandeenne.
PSA 78:65 Achiin duuba Goottaan akka waan hirriibaa dammaqee, akka nama janna daadhii woyni'ii quufee dhaadatuu ka'e.
PSA 78:66 Inni diinota ifii dhowee gara duubaa deebisee, haga bara baraa isaan fokkisiise.
PSA 78:67 Inni dunkaanii Yoseefii tuffatte; sanyii Efreemiille hin filanne;
PSA 78:68 ammoo gosa Yihuda'aatii fi gaara Xiyoonii ka jaalatu filate.
PSA 78:69 Inni mana Woyyicha ifii akka kooba dheera'aa ijaaree, akka lafaa haga bara baraa jabeessee dhaabe.
PSA 78:70 Inni tajaajilaa ifii Daawiti filate; tika hoole'ee keessaa isa fudhate.
PSA 78:71 Hoolee haadhotii ilmoole'ee tissiisa lakkisee, kolbaa ifii Yaaqoob, Israa'elii ifiitiif tissee akka te'u isa fide.
PSA 78:72 Inni gadhaa qajeela'aan isaan tisse; qarumma'aan guutamee isaan sooresse.
PSA 79:1 Ee Waaqa, gosi biyya adda addaa lafa teeti fudhatiisaaf nu lolaneeran; Galma Woyyicha keeti batteessaneeran; Yerusaalemille diiganeeran.
PSA 79:2 Reeffa tajaajiltoota teetii allaatti'iif, foon addatantoota teetii bineensaaf sagalee godhaneeran.
PSA 79:3 Isaan adaala Yerusaalemiititti, dhiiga isaanii akka bisaanii dhangalaasaneeran; nami isaan awwaalulle hin jiru.
PSA 79:4 Nuuti gosa biyya addaa ta ollaa keennaatiif shasha, gosa biyya adda addaa ta adaala keennaatiif, waan murgo'ootii fi waan coora'aa teeneerra.
PSA 79:5 Ee Mootii Waan Maraa, kun haga yoomii akkas te'a? Ati haga bara baraa aartaa? Hinaaffaan teeti haga yoomii akka ibiddaa bobeetti ree?
PSA 79:6 Mufii teeti gosa biyya adda addaa ta si hin beenne irratti, mootummoota maqaa keeti hin waammanne irralle'etti dhangalaasi.
PSA 79:7 Wonni tana gootuuf, isaan kolbaa Yaaqoobii fixaneeran; qe'ee isaanii onsaneeran.
PSA 79:8 Yakkaa abbootii teenna ta durii, nutti hin laakkowin; mataa keenna guddoo waan gad qabanneef, marartiin teeti ariiti'iin gara keenna dhuttuu ti.
PSA 79:9 Ee Waaqa fayyisaa keenna, ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu qarqaar; maqaa keetiif jedhii nu baasi; cubbuu teennalle nuu araarami.
PSA 79:10 Gosi biyya adda addaa maaf, «Waaqi isaanii meet?» jedhanee gaafatan ree? Dhiiga tajaajiltoota teetii ka dhangalaafameef, ila teenna duratti haluu bayiisi keeti, gosa biyya adda addaa oddu'utti beekkamuu ti.
PSA 79:11 Aadiis worra hidhamee si bira gewuu ti; hunna teeti guddo'oon worra duuti itti murante hamburi.
PSA 79:12 Ee Gootta'a, arraba worri ollaa keennaa si arrassane, dachaa torba godhiitii itti deebisi.
PSA 79:13 Achii duuba nuuti kolbaan teeti, worri tika keeti jala jirru, haga bara baraa si galateeffanna; dhalootaa haga dhalootaatitti si leellifanna.
PSA 80:1 Ee tissee Israa'elii, ka sanyii Yoseefii akka hoole'ee sooressitu, ka barcumaa mootumma'aa keeti ka wodhakkaa dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irra teetteertu, nuu dhage'i; ifa keeti issiitii,
PSA 80:2 sanyii Efreemii, sanyii Beniyaaminiitii fi sanyii Minaasee duratti mudhisi. Hunna teetiin ka'iitii, koyii nu baasi.
PSA 80:3 Ee Waaqa adde'etti nu deebisi; nuu marariitii nu baasi.
PSA 80:4 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara dande'u, haga yoomii daadimata kolbaa teetiititti aarta?
PSA 80:5 Ati imimmaan akka sagale'ee isaan areerte; akka bisaanii imimmaan isaan obaatte.
PSA 80:6 Gosi biyya adda addaa ta ollaa keennaa, lafa teenna fudhatiisaaf akka wol lolanu goote; diinoti keennalle nutti murgane.
PSA 80:7 Ee Waaqa waan mara dande'u, adde'etti nu deebisi; nuu marariitii nu baasi.
PSA 80:8 Ati muka woyni'ii biyya Gibxi'iitii fiddee, gosa biyya adda addaa ariitee baattee, lafa san keessatti dhaadde.
PSA 80:9 Ati lafa san cirteefii, muki woyni'ii sunille hidda gad fageeffatee, lafa san guute.
PSA 80:10 Gaaroti gaaddisa isaatiin gollamane; dameeleen isaalle hindheensa gugurdaa gollite.
PSA 80:11 Dameelee ifii haga abbaayaa Mediteraaniya'aa, kichuu ifiille haga laga Efraaxiisii diriirfate.
PSA 80:12 Ati maaf dalleya isatti marfameeru irraa diiddee, nami karaa san dabaru marti midhaan isaa irraa guurata ree?
PSA 80:13 Gurreen gongoma'aa irra sirban; bineensi marti irraa nyaatan.
PSA 80:14 Ee Waaqa waan mara dande'u, gara keenna deebi'i; ol-gubbaa irraa gad nu ilaalii, nuu dhaggi; muka woyni'ii kana kunuunsi.
PSA 80:15 Muka harki keeti middichi dhaabe kana, biqiltuu ifiif guddifate tana eegi.
PSA 80:16 Diinoti muranee, ibiddaan gubaneeran; xixxaa teetiin isaan ilaalii, isaan balleessi.
PSA 80:17 Nama harka keeti middicha keessa jiru, ka ifiif jabeeffatte, harki keeti isa irra jiraatuu ti.
PSA 80:18 Achiin duuba nuuti ijjumaa si irraa duubatti hin deebinu; jiruu nuu kenni; nuutille maqaa keeti waammanna.
PSA 80:19 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara dande'u, adde'etti nu deebisi; nuu marariitii nu baasi.
PSA 81:1 Waaqa jabeenna keenna te'eef, qoonqoo guddo'oon faarsa'a; Waaqa Yaaqoobiitiif ilillisa'a.
PSA 81:2 Faaruu jalqaba'a; dibbeelle dhowa'a; maseenqoo namatti toltuu fi kiraara guddicha dhowa'a.
PSA 81:3 Baatii ji'aatitti, goobana ji'aatitti, guyyaa jila teennaatitti tultullaa afuufa'a.
PSA 81:4 Kun Israa'eliif seerata; ajaja Waaqa Yaaqoobii ti.
PSA 81:5 Inni yennaa biyya Gibxi'ii dhowiisaaf baye, ajaja kana ijoollee Yoseefiitiif kenne. Qoonqoon ani dur hin beenne takka,
PSA 81:6 «Ani gurmuu teessan irraa ba'aa buuse; harka keessan kollonjoo qabatiisa irraa bilisa baase.
PSA 81:7 Isin rakkinna keessa na waammattane; anille isin baase; addee gollaa jirtu, duumensa mandi'u keessaa deebii isinii kenne; ani bisaan Mariiba'aa biratti haga isin ilaale.
PSA 81:8 Ee kolbaa tiyya, yennaa ani ifi isin eeggachiisu dhage'a'a; ee Israa'el, adoo naaf dhageettanee jiraattanee, attam attam dansa'a!
PSA 81:9 Waaqoti alagaan odduu teessan hin jiraatin; waaqota ormaaf hin sagadina'a.
PSA 81:10 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka lafa Gibxi'ii keessaa isin baase; afaan keessan badhisa'aatii banadha'a; anille hin guuta.
PSA 81:11 «Kolbaan tiyya ammoo na hin dhageenne; Israa'el naaf hin ajajanne.
PSA 81:12 Maarre ani mataa jabeeyyii akka te'anuuf, yaada ifiille akka hordofanuuf isaan lakkise.
PSA 81:13 Kolbaan tiyya adoo naaf dhageettee jiraattee, Israa'el adoo karaa kiyya ideentee jiraattee,
PSA 81:14 ani silaa ariiti'iin diinota isaanii hin jilbiissisaayyu; harka kiyyalle gara nyaapha isaanii hin deebifadhaayyu.
PSA 81:15 Worri ana Mootii Waan Maraa jibbu na duratti hin jiganiiyyu; adabbiin isaaniille haga bara baraa hin teetiiyyu.
PSA 81:16 Ani ammoo silaa qamadii dansaa isin Israa'el areeraayyu; damma hollaalle isin quussaayyu» jette.
PSA 82:1 Waaqi yaa'ii ol-gubba'aa keessa dhaabbata; waaqota oddu'utti muraa kenna.
PSA 82:2 Inni, «Isin haga yoomii muraa sirrii hin te'in murtan? Haga yoomii worra hamaaleyyi'iif golii teetan?
PSA 82:3 Worra dadhaba'aa fi ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef, dhugaa mura'a; worra hiyyeeyyi'ii fi worra cunqurfamaa haqa isaanii eega'a.
PSA 82:4 Worra dadhaba'aa fi hiyyeeyyii hambura'a; harka worra hamaaleyyi'ii keessaa isaan baasa'a.
PSA 82:5 «Worri hamaaleyyiin hin beekanu yookiin womaa hin hubatanu; dukkana keessa deddeebi'an; hundeen lafaa duudiin raafante.
PSA 82:6 Anille, ‹Isin waaqota; marti keessanuu ilmaan Waaqa Ol Aana'aa ti› jedhe.
PSA 82:7 Te'uu malee, isin akkuma namaa hin duutan; akkuma bulchaa tokkoo hin jiddan» jedhe.
PSA 82:8 Gosi biyya adda addaa teeti waan teeteef, ee Waaqa ka'ii, biyya lafaa irratti muraa kenni.
PSA 83:1 Ee Waaqa, hin cadhisin; hin sarmin yookiin cadhittee hin ilaalin.
PSA 83:2 Amumaayyuu diinoti keeti finqila kaasaneeran; worri si jibbu mataa ifii togeera.
PSA 83:3 Isaan kolbaa teeti irratti mala dhowani; worra ati jaalattu irratti mari'atan.
PSA 83:4 Isaan, «Maqaan gosa biyya Israa'elii, deebi'ee akka hin qaabatanne, akka isaan kolbaa hin teene, kowaa, isaan balleessinaa» jedhan.
PSA 83:5 Yaada tokkoon wolii galanee si irratti mala dhowane; si irratti ka'iisaaf wol gondooratane;
PSA 83:6 Isaan kun kolbaa Edoomii, kolbaa Ishimaa'elii, kolbaa Mo'aabiitii fi Aggaarii,
PSA 83:7 kolbaa Gebaaliitii fi Amoonii, Amaaleqoota, worra Filisxeemotaatii fi Xiiroosii ti.
PSA 83:8 Worri Asooriille isaanitti ede'amanee sanyii Looxii gargaarane.
PSA 83:9 Worra Miidiyaanii akkuma goote, laga Qiisoniititti Siisaara'aa fi Yaabiin akkuma goote, isaan kanalle akkasuma godhi.
PSA 83:10 Worri sun Endooritti ijjeefamanee, shamanee lafaaf kosii te'ane.
PSA 83:11 Qondaaltota isaanii akkuma Oreebiitii fi Ze'eebii, sooressitoota isaaniille akkuma Zeeba'aa fi Xaalmuna'aa godhi.
PSA 83:12 Isaan, «Lafa kaloo kolbaa Waaqaa fudhannee teenna godhanna» worra jedhe.
PSA 83:13 Ee Waaqa kiyya akka bukuu hobonbolattiin garagaggalchituu, akka huura qilleensi fuudhee deemuu isaan godhi.
PSA 83:14 Akkuma ibiddi gongomaa muxuqi godhu, akkuma bobeenni gaara gubu,
PSA 83:15 ati bubbee teetiin isaan ari'i; hobonbolattii teetiin isaan bararassi.
PSA 83:16 Ee Mootii Waan Maraa, akka isaan maqaa keeti barbaadanu, isaan fokkisiisi.
PSA 83:17 Haga bara baraa isaan qaanessiitii naasisi; isaan salphinnaan badanuu ti.
PSA 83:18 Isaan maqaan keeti Mootii Waan Maraa akka te'e, ati callaan lafa duudii irratti Waaqa Ol Aanaa akka teete beekanuu ti.
PSA 84:1 Ee Mootii Waan Maraa ka Waan Mara Dadde, Galmi ati keessa leetu attam attam natti tola!
PSA 84:2 Lubbuun tiyya badhinna Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa keessa jiraatiisaaf dharraatee gaggaddi. Gadhaan kiyyaa fi foon kiyya, Waaqa jiraata'aaf ilillisan.
PSA 84:3 Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, mootii kiyya, Waaqa kiyya; addee ciinca'aa teetitti, sinbirrooti didiqqoon mana ifii, maddoolle mandhee ilmoolee ifii keyattu ijaarrataneeran.
PSA 84:4 Worri mana keeti keessa le'u ka gammade; isaan yennaa mara si leellisan.
PSA 84:5 Worri gara gaara Xiyoonii deemiisaaf, gadhaa ifii keessatti dharra'ee, hunna si biraa dhaggatu ka gammade.
PSA 84:6 Isaan yennaa dhooqa godde, ta, «Baka» jedhantu keessa dabaranu, addee maddaa isaaniif teeti; bokkeenni furmaataalle dhooqa san keessa haroo eelcha.
PSA 84:7 Isaan akkuma deemanuun jabeenna ede'atan; Waaqa Xiyoon keessaa dura hin dhikaatan.
PSA 84:8 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara dande'u, daadimata kiyya dhage'i; Waaqa Yaaqoobii na caqasi.
PSA 84:9 Ee Waaqa, wontee teenna ilaali; mooticha muuddeertuuf gadhaa laafi.
PSA 84:10 Addee dhibii guyyaa kuma tokko ooliisaa mannaa, badhinna Galma woyyicha keetii keessa guyyaa tokko ooluu woyya; Dunkaanii worra hamaaleyyi'ii keessa tee'iisaa mannaa, eedduu balbala mana Waaqa kiyyaa te'u naa woyya.
PSA 84:11 Mootiin Waan Maraa Waaqi akka adu'uu tii fi akka wonte'ee ti; inni fudhatamaa fi ulfinna akka dhaggatanu hin godha. Mootiin Waan Maraa worra komii hin qanne, waan dansaa hin dhooggatu.
PSA 84:12 Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, nami si'itti addatu ka gammade.
PSA 85:1 Ee Mootii Waan Maraa ati lafa teeti mararteerta; sanyii Yaaqoobiitiif milkii adde'etti deebitteerta.
PSA 85:2 Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta; cubbuu isaaniille mara golliteerta.
PSA 85:3 Mufii teeti lakkitteerta; aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta.
PSA 85:4 Ee Waaqa fayyisaa keenna, adde'etti nu deebisi; nutti mufatiisa lakkisi.
PSA 85:5 Ati haga bara baraa nutti aartaa ree? Aarii teeti dhaloota irraa gara dhalootaatitti dabarsitaa ree?
PSA 85:6 Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu, deebittee nu hin jiraachittuu ree?
PSA 85:7 Ee Mootii Waan Maraa jaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi; fayyisiisa keeti nuu kenni.
PSA 85:8 Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatu hin caqasa; kolbaan isaa, worri isaaf addatame, gara gowwumma'aatitti hin deebi'in malee, Mootiin Waan Maraa nageya isaaniif waadaa gala.
PSA 85:9 Ulfinni isaa lafa teenna keessa akka jiraatu, dhugumaan fayyisiisi isaa worra isa sodaatuuf dhikoo jira.
PSA 85:10 Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan; balchumma'aa fi nageenni wol sunqatan.
PSA 85:11 Addatamummaan lafa keessaa latti; balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti.
PSA 85:12 Mootiin Waan Maraa waan dansaa hin kenna; latti teennalle midhaan hin baatti.
PSA 85:13 Balchummaan dura isaa deenti; tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti.
PSA 86:1 Ee Mootii Waan Maraa, ani hiyyeessa rakkataa waan te'eef, gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii, naa dhage'i.
PSA 86:2 Ani waan si'iif ifi kenneeruuf, jiruu tiyya eegi; tajaajilaa keeti ka sitti addatu baasi; ati Waaqa kiyya.
PSA 86:3 Ani guyyaa guutuu gara keeti waan iyyuuf, ee Mootii Waan Maraa, na marari.
PSA 86:4 Ee Mootii Waan Maraa, ani lubbuu tiyya sitti waan kennadheeruuf ana tajaajilaa keeti gammachiisi.
PSA 86:5 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa'a; namaafille hin araaranta; worra si waammatuuf, jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.
PSA 86:6 Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage'i; iyya gaaffii tiyyaa caqasi.
PSA 86:7 Ati waan deebii naa kennituuf, ani guyyaa rakkinna kiyyaa si waammadha.
PSA 86:8 Ee Mootii Waan Maraa, waaqota keessaa ka akka keetii hin jiru; hujiin akka hujii teetiille hin jirtu.
PSA 86:9 Gootta'a, kolbaan biyya adda addaa ta ati dadde marti gara keeti dhuttee, si'iif hin sagaddi; maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti.
PSA 86:10 Ati guddaa waan teeteef, hujii baasaa hin hujja; ati callaan Waaqa.
PSA 86:11 Ee Mootii Waan Maraa, ani dhugaa teetiin akka deemuuf, karaa keeti na barsiisi; Akka ani maqaa keeti sodaadhuuf, nama gadhaa tokkochaa na godhi.
PSA 86:12 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha; maqaa keetiifille haga bara baraa ulfinna hin keenna.
PSA 86:13 Jaalalli keeti ka bara baraa ka ati naaf qaddu gudda'a; ati lubbuu tiyya qilee addee worri du'e jiru irraa hamburteerta.
PSA 86:14 Ee Waaqa, worri bondhooru na irratti ka'eera; goliin worra gadhaa jabaatuu, lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaadan; isaan woyittuu si hin laakkowanu.
PSA 86:15 Ee Gootta'a, ati ammoo, Waaqa mararaa arja'a; aari'iif hin ariifattu; jaalalli keeti ka bara baraatii fi addatamummaan teetille baca'a.
PSA 86:16 Gara kiyya deebi'ii, na marari; hunna teeti ana tajaajilaa keetiif kenni; ana ilma garbittii teetii baasi.
PSA 86:17 Ee Mootii Waan Maraa, ati waan na qarqaartee na jajjabeessiteef, diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu, beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaa na irratti mudhisi.
PSA 87:1 Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifii gaarota woyyoota irratti dhaabe;
PSA 87:2 Addee Yaaqoob le'u mara caalaa, Mootiin Waan Maraa seensuma karra Xiyoonii jaalata;
PSA 87:3 Ee qachaa Waaqaa, wonni maade'ee marroo teetiif dubbatanti;
PSA 87:4 Waaqi, «Ani worra na beeku oddu'utti Gibxi'ii fi Baabilon hin galmeessa; worri Filisxeemotaa, worri Xiiroosiitii fi Itoophiya'aalle worra achitti dhalate» jedha.
PSA 87:5 Marroo Xiyoonii, «Dhugumaan, Waaqi Ol Aanaan waan isii jabeessuuf, kolbaan tunii fi sunille, as isii keessatti dhalatte» hin jedhama.
PSA 87:6 Mootiin Waan Maraa yennaa gosa biyya adda addaa galmeessu, «Worri kun achitti dhalatane» jedhee hin barreessa.
PSA 87:7 Worri faarsuu fi worri sirbu, «Maddi keenna martinuu Xiyoon keessa jira» hin jedhan.
PSA 88:1 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa fayyinna kiyyaa, ani fuula keeti duratti halkanii fi guyyaa gara keeti iyya.
PSA 88:2 Daadimati kiyya si bira gewuu ti; gurra keeti gara iyya tiyya deebifadhu.
PSA 88:3 Lubbuun tiyya rakkinnaan waan guutanteef, jiruun tiyya gara addee worri du'e jiruu dhikaatteerti.
PSA 88:4 Ani worra gad gara boollaa dhaqu oddu'utti laakkowame; ani akka nama hunna hin qannee te'e.
PSA 88:5 Ani akka nama worra du'e keessatti gatamee, akka worra ijjeefamee awwaala keessa ciisuu, akka worra ati deebitee hin qaabannee, ka ati ijjumaa hin qarqaarree te'e.
PSA 88:6 Ati boolla qilee, qilee dukkanaa keessa na buutte.
PSA 88:7 Mufiin teeti ulfaattee na irra ciitteerti; ati danbalii mufii teetii mara na irra danbalaatteerta.
PSA 88:8 Firooti kiyya akka na irraa fagaatanu gooteerta; akka isaan na diqatanu gooteerta; akka ani miliquu hin dandeenne, balbalti natti cufanteerti.
PSA 88:9 Ilti tiyya gaddaan caararrootteerti; ee Mootii Waan Maraa, guyyuma guyya'aan ani si waammadha; harka kiyyalle gara keeti diriirsa.
PSA 88:10 Ati worra du'eeruuf waan maade'ee hin hujjaa ree? Ekeraan kaatee si leellifattii ree?
PSA 88:11 Jaalalli keeti ka bara baraa boolla awwaalaa keessatti, addatamummaan teeti addee badi'ii keessatti hin lallabantii ree?
PSA 88:12 Hujii teeti ta bilbaasaa dukkana keessatti, yookiin balchummaan teeti lafa dedhante keessatti hin beekkantii ree?
PSA 88:13 Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo, qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya; ganama ganamaan daadimati kiyya si dura dhikaata.
PSA 88:14 Ee Mootii Waan Maraa, ati maaf ifi irraa na fageessita? Ati maaf fuula keeti na dhoffatta?
PSA 88:15 Ani dargaggummaa tiyya irraa jalqabee, farree du'a geyeera; bararassiisa keeti irraa ka ka'e waan godhu wollaaleera.
PSA 88:16 Mufiin teeti na irra buuteerti; bararassiisi keetille na balleesseera.
PSA 88:17 Mufiin teetii fi bararassiisi keeti guyyaa guutuu akka lola'aa na marsane; gara maraan karaa natti cufane.
PSA 88:18 Ati lansootaa fi jaalota kiyya na irraa fageessite; dukkanti callaan jaala kiyya naaf teete.
PSA 89:1 Ee Mootii Waan Maraa, ani marroo jaalala keeti ka bara baraa, yennaa mara hin faarfadha; addatamummaa teeti dhaloota maraaf, afaan kiyyaan hin lallaba.
PSA 89:2 Jaalalli keeti ka bara baraa jabaatee akka dhaabbate, addatamummaa teetille akka ol-gubba'aa akka ati dhaadde, ani hin lallaba.
PSA 89:3 Ati, «Ka filadhe woliin gondooroo godheera; tajaajilaa kiyya Daawitiif,
PSA 89:4 ‹Sanyii teeti haga bara baraa hin jabeessa; barcumaa mootummaa teetii dhalootaa haga dhalootaatitti hin dhaaba› jedhee kakadheera» jetteerta.
PSA 89:5 Ee Mootii Waan Maraa, ol-gubbaan bilbaasa keeti, yaa'iin woyyootaa addatamummaa teeti leellifatanuu ti.
PSA 89:6 Ol-gubbaa keessatti ka Mootii Waan Maraatiin wol qixxawu eennu? Ergantoota Waaqaa ta ol-gubba'aa keessaa ka akka Mootii Waan Maraa jiru eennu?
PSA 89:7 Yaa'ii woyyittii keessatti Mootiin Waan Maraa guddoo ka sodaatame; worra adaala isaa jiru mara caalaa sodaachisa'a.
PSA 89:8 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u, ka akka keetii eennu? Ati jaba'a; Ati waan maraan addatama'a.
PSA 89:9 Ati bulpheessa abbaaya'aa irratti baallii qadda; danbaliin isi'ii yennaa kaatulle, hin sarmisiitta.
PSA 89:10 Bineensa akka jawwe'ee ka, «Rahaab» jedhamu, akka waan qalameetitti butuchite; irree teeti jaddu'uun diinota keeti bittinneessite.
PSA 89:11 Ol-gubbaan teeti; lattille teeti; biyya lafaatii fi waan isii keessaa mara ka dade si'i.
PSA 89:12 Kaabaa fi kibballe sittuu dade; gaarri Taaboriitii fi gaarri Hermoonii maqaa keetiif ilillisan.
PSA 89:13 Ati irree hunnaamettii qadda; harki keeti jaba'a; hunna teeti mudhisiisaaf harki keeti middichi ol ka'eera.
PSA 89:14 Barcumaan mootumma'aa keeti balchumma'aa fi haqa irra dhaabbateera; jaalalaa fi addatamummaan siin dura deeman.
PSA 89:15 Ee Mootii Waan Maraa, Kolbaan ilillisaa si leellittu, ta ifa fuula keeti duraa keessa ideentu gammadduu ti.
PSA 89:16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetitti gammadan; balchummaa teetille'een si leellisan.
PSA 89:17 Ati ulfinnaa fi jabeenna isaanii waan teeteef, fudhatama si biraa dhagganneen injifanna.
PSA 89:18 Wonteen teenna ta Mootii Waan Maraa ti; mootiin keennalle ka Woyyicha Israa'elii ti.
PSA 89:19 Ati yennaa takka tajaajiltoota addatantoota teetitti, mudhi'iin dubbattee, «Janna tokkoof qarqaarsa kenneera; dargaggeessa tokko odduu kolba'aatii filee ol kaaseera.
PSA 89:20 Tajaajilaa kiyya Daawiti dhaggadheera; zayitii tiyya woyyitti'iin isa muudeera.
PSA 89:21 Harki kiyya isa woliin hin jiraata; irreen tiyyalle isa hin jabeessiti.
PSA 89:22 Diinni isa hin injifatu; nami hamaalle gad isa hin qabu.
PSA 89:23 Ani nyaaphota isaa fuula isaa duratti hin butucha; worra isa jibbulle gad dhowa.
PSA 89:24 Addatamummaan tiyyaa fi marartiin tiyya isa woliin hin jiraatan; maqaa kiyyaan hin injifata.
PSA 89:25 Ani harka isaa abbaayaa irra, harka isaa middichalle lagoota irra hin keya.
PSA 89:26 Inni, ‹Ati abbaa kiyya, Waaqa kiyya, rassaa fayyinna kiyyaa ti› naan hin jedha.
PSA 89:27 Anille ilma kiyya angafa, ka mootota biyya lafa mara caalu isa hin godha.
PSA 89:28 Ani haga bara baraa isa jaaladha; gondooroon ani isa woliin godhelle ijjumaa hin diigantu.
PSA 89:29 Sanyiin isaa haga bara baraa, barcumaan mootummaa isaalle akka ol-gubba'aa jabaatee akka dhaabbatu hin godha.
PSA 89:30 «Ijoolleen isaa ammoo seera kiyya yoo diidde, akka ajaja kiyyaatitti yoo deemuu dhadde,
PSA 89:31 seerata kiyya yoo diigane, ajaja kiyya yoo eegatuu dhabane,
PSA 89:32 ani cubbuu isaaniitiif ule'een isaan adaba; yakkaa isaaniitiif isaan hin dhaana.
PSA 89:33 Ammoo ani Daawiti jaalatiisa hin lakkisu, yookiin addatamummaan ani isaaf qabu soba hin teetu.
PSA 89:34 Ani gondooroo tiyya hin diigu, yookiin dubbii afaan kiyyaa baatelle hin jijjiiru.
PSA 89:35 «Ani takkaa woyyummaa tiyyaan kakadheera; ani Daawiti hin sobu.
PSA 89:36 Sanyiin isaa haga bara baraa, barcumaan mootummaa isaalle akka adu'uu fuula kiyya dura hin jiraata.
PSA 89:37 Mootummaan Daawitii, akka ji'a dhugaa bayaa addatamaa gubba'aa, haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti» jette.
PSA 89:38 Amma ammoo ati ka muuddee mootii gooteetitti mufattee, isa tuffattee gatteerta.
PSA 89:39 Ati gondooroo tajaajilaa keeti woliin goote diiddee, kallacha isaa bukuu keessatti gattee batteessite.
PSA 89:40 Ati dalleya isaa mara jissitee, kushee isaalle diidde.
PSA 89:41 Worri achiin dabaru marti isa saamane; inni murgoo olloota ifii te'e.
PSA 89:42 Nyaaphota isaatiif jabeenna kennitee, diinota isaa mara gammachiitte.
PSA 89:43 Qara shallaagaa isaa gara duubaa garagalchite; lola keessalle'etti isa hin qarqaarre.
PSA 89:44 Ulee bokku'uu ta isaa harkaa fuutee, barcumaa mootummaa isaalle lafatti jissite.
PSA 89:45 Bara dargaggummaa isaa itti gabaassitee, qaanii itti uffitte.
PSA 89:46 Ee Mootii Waan Maraa, tun haga yoomii teeti? Ati haga bara baraa ifi dhoffattaa ree? Haga yoomii mufiin teeti akka ibiddaa bobeetti ree?
PSA 89:47 Barri jiruu tiyyaa attam attam gabaabaa akka te'e yaadadhu; ati ilmaan namaa waan bu'aa hin qanneef daddee ree?
PSA 89:48 Nami ijjumaa hin du'in le'uu dande'u eennu? Awwaala jalaa ka miliquu dande'u eennu?
PSA 89:49 Ee Gootta'a, jaalalli keeti ka bara baraa guddaan durii, ka ati addatamummaa teetiin Daawitiif kakatte meet ree?
PSA 89:50 Ee Gootta'a, ana tajaajilaa keetitti attam attam akka isaan murgane, ani arraba gosa biyya adda addaa mara attam attam akka ossadhe qaabadhu.
PSA 89:51 Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti ka ati muuddee mootii goote salphisan; lafa inni dhaqu maratti itti murgan.
PSA 89:52 Mootiin Waan Maraa haga bara baraa leellifamu! Ameen! Ameen!
PSA 90:1 Ee Gootta'a, ati dhalootaa haga dhalootaatitti, addee itti baqannu nuuf teeteerta.
PSA 90:2 Gaarri adoo hin dadamin dura, yookiin ati lafaa fi biyya lafaa adoo hin dadin dura, baraa haga bara baraatitti ati Waaqa.
PSA 90:3 Ilmaan namaa gara biyye'ee deebitta; ati, «Ee ilmaan namaa, gara biyye'ee deebi'a'a» jetta.
PSA 90:4 Woggaan kum tokko, si'iif akkuma guyyaa kalee dabaree ti; yookiin akkuma yennaa diqqoo halkan keessaa ti.
PSA 90:5 Ati namoota haxoottee dabarsita; isaan akka oojju'uu ti; isaan akka marra ganama quunxuu ti.
PSA 90:6 Marri ganama quunxee bisila; galgala qooree goga.
PSA 90:7 Nuuti aarii teetiin banneerra; mufii teetiin bararandheerra.
PSA 90:8 Ati yakkaa teenna ifi dura, cubbuu teenna ta dhossa'aa ifa fuula keetii dura keetteerta.
PSA 90:9 Barri keenna marti adoo nuuti mufii teeti jala jirruu dabaran; bara jiruu teennaa aadaatuma fixanna.
PSA 90:10 Barri jiruu teennaa woggaa torbaatama, yoo bacatelle woggaa saddeettama; woggooti sunuu dadhabbi'ii fi rakkinna nutti fidan; Isaan dafanee waan dabaranuuf, nuuti koolaan kaanee dabarra.
PSA 90:11 Hunna aarii teetii eentu beeka? Mufii teeti guddoo san eentu hubatuu dande'a?
PSA 90:12 Qaroolee akka teenu, barri jiruu teennaa gabaabaa akka te'e akka beennu nu barsiisi.
PSA 90:13 Ee Mootii Waan Maraa, deebi'i! Haga yoomii mufatta? Tajaajiltoota teetiif gadhaa laafi.
PSA 90:14 Bara jiruu teennaa mara akka gammannee ilillinnu, ganama ganama jaalala keeti ka bara baraatiin nu quussi.
PSA 90:15 Akkuma bara bacaa nu rakkitte, akkuma woggaa bacaa waan hantuu dhaggine, amma nu gammachiisi!
PSA 90:16 Hujii teeti tajaajiltoota teetitti, ulfinna keeti ijoollee isaaniititti mudhisi.
PSA 90:17 Goottaa Waaqa keenna, ila dansa'aan nu ilaali; hujii harka keennaalle nuu milkeessi; ee, nuu milkeessi.
PSA 91:1 Nami gollaa Waaqa Ol Aana'aa jala le'u, ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande'uu jalatti foorfatu,
PSA 91:2 Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya, Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.
PSA 91:3 Waaqi tiyyoo nami si'iif afee fi dhukkuba hamaa jalaa si hin baasa.
PSA 91:4 Inni koola ifiitiin si golla; baala isaa jalatti baqatta; addatamummaan isaa wonte'ee fi kushee si'iif hin te'a.
PSA 91:5 Ati waan halkan nama sodaachisu, daaya guyya'aan namatti darbatamu
PSA 91:6 yookiin dhukkuba hamaa halkaniin deemu, yookiin balaa guyyaa wodhakkaa nama balleessu hin sodaattu.
PSA 91:7 Kum tokko cinaa teetitti, kum kudhan midda keetitti hin jigan; ammoo si hin tuqanu.
PSA 91:8 Ati ammoo ila teeti qofaan ilaaltee, adabamiisa worra hama'aa dhaggita.
PSA 91:9 Ati Mootii Waan Maraa addee itti baqattu, Waaqa Ol Aanaa mana keeti waan godhatteef,
PSA 91:10 wonni hantuun sitti hin dhuttu; balaan qe'ee teetitti hin dhikaatu.
PSA 91:11 Sababille karaa ati ideentu maratti, akka si eeganuuf, inni ergantoota ifii si'iif hin ajaja.
PSA 91:12 Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne, isaan harka ifiitiin ol si hin kiphan.
PSA 91:13 Ati neenqaa fi dhudhuufaa irra hin ejjatta; neenqa dardaraa fi buutii irra hin sirbita.
PSA 91:14 Mootiin Waan Maraa, «Inni waan na jaalatuuf, ani diinota isaa jalaa isa hin baasa; inni maqaa kiyya waan beekuuf, ani isa hin eega.
PSA 91:15 Inni na hin waammata; anille deebii isaaf hin kenna; yennaa inni rakkatu isa woliin hin jiraadha; ani isa hin baasa; ulfinnalle isaaf hin kenna.
PSA 91:16 Jiruu bara dheera'aatiin isa hin quussa; ani fayyisaa isaa akka te'e akka inni dhaggu hin godha» jedha.
PSA 92:1 Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun Ee Waaqa Ol Aana'a, maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa'a.
PSA 92:2 Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan, addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,
PSA 92:3 meya faaru'uu ka ribuu kudhan qabuu fi yoyyoma kiraara guddichaatiin si leellisuun dansa'a.
PSA 92:4 Ee Mootii Waan Maraa, hujii teetiin na gammachiitta; ani hujii harka keetiititti gammadee faarfadha.
PSA 92:5 Ee Mootii Waan Maraa, hujiin teeti attam attam guddo'o; yaadi keeti attam attam gad fagaata!
PSA 92:6 Nami daalleen tana hin beeku; gowwaalle tana hin hubatu.
PSA 92:7 Worri hamaan akka marraa latanulle, worri waan hantuu huju marti daraaranulle, isaan ijjumaayyuu hin badan.
PSA 92:8 Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo haga bara baraa ol aana'a.
PSA 92:9 Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti, dhugumaan diinoti keeti hin badan; worri waan hantuu huju marti hin bittinnowan.
PSA 92:10 Ati akka gafarsaa na jabeessitee, zayiti'iin na muudde.
PSA 92:11 Ilti tiyya injifatama diinota kiyyaa dhaggite; gurri kiyyalle iyya nyaaphota kiyya hamoole'ee dhage'e.
PSA 92:12 Nami balchaan akka muka meexxi'ii hin oshoba; akka hindheensa Libaanonii hin banqaaqa.
PSA 92:13 Isaan akka muka mana Mootii Waan Maraa keessatti dhaabamanee, badhinna mana Waaqa keennaatiin duraa keessatti hin oshoban.
PSA 92:14 Isaan akka muka dullummaa keessa midhaan buusuu, ka yennaa mara bisille'ee hin te'an.
PSA 92:15 Isaan, «Mootiin Waan Maraa sirri'i; inni rassaa ani itti baqadhu; isa keessa hammeenni hin jiru» jedhan.
PSA 93:1 Mootiin Waan Maraa mooti'i; inni arnya uffate; arnya uffatee jabeennaan hidhate. Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatte; isiin ijjumaa hin tachootu.
PSA 93:2 Barcumaan mootumma'aa keeti durii duriitii jalqabee dhaabbate; ati bara durii duriitii jalqaddee jirta.
PSA 93:3 Ee Mootii Waan Maraa, lagi hedduun ol kakka'e; shookkisiisa ifii ol qabate; danbalii shookkisiisa ifiille ol kaafate.
PSA 93:4 Shookkisiisa bisaan jabaa heddu'uu caalaa, danbalii abbaaya'aa hunnaamettii caalaa, Mootiin Waan Maraa ka ol-gubbaa jiru hunnaamessa.
PSA 93:5 Ee Mootii Waan Maraa, seerri keeti ka addatame; manni keetille haga bara baraa woyyumma'aan ka miidhage.
PSA 94:1 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa haluu bayu; ee Waaqa haluu bayu, ulfinna keeti mudhisi!
PSA 94:2 Ee abbaa mura'aa ka lafa tanaa, ka'i! Worra koorameeyyi'iif waan isaaniif male kenni.
PSA 94:3 Ee Mootii Waan Maraa, worri hamaan haga yoomii firinxiixan? Isaan haga yoomii firinxiixan?
PSA 94:4 Isaan jechoota koora ifii gad naqan; worri hantuu huju marti ifi jajiisaan guutamaneeran.
PSA 94:5 Ee Mootii Waan Maraa, isaan kolbaa teeti butuchan; kolbaa teeti cunqursan.
PSA 94:6 Isaan haadhotii hiyyeessaatii fi alagaa worra lafa teenna keessa le'u ijjeesan; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qalan.
PSA 94:7 Isaan, «Mootiin Waan Maraa hin dhaggu; Waaqi Yaaqoobii tana hin hubatu» jedhan.
PSA 94:8 Kolbaa keessaa worri daalleen hubadha'a; isin worri gowwaan yoom qaroolee teetan?
PSA 94:9 Ka gurra dade ifii hin dhage'uu? Ka ila dade ifii hin dhagguu?
PSA 94:10 Ka gosa biyya adda addaa gorsu hin adabuu? Ka ilmaan namaa barsiisu, inni beekkumsa dhabee ree?
PSA 94:11 Mootiin Waan Maraa yaada namaa hin beeka; yaadi namaa akka hafuura baafata tokkochaa akka te'e inni hin beeka.
PSA 94:12 Ee Mootii Waan Maraa, nami ati gorsitu, ka ati seera keeti barsiittu, attam attam ka gammade.
PSA 94:13 Worra hama'aaf boolli haga qotantutti, ati guyyaa rakkinnaa irraa isa foorfachiitta.
PSA 94:14 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii hin gatu; ijoollee ifii hin lakkisu.
PSA 94:15 Muraan deebitee haqa irratti hin hundootti; worri qajeelaan marti haqa gula deeman.
PSA 94:16 Eentu ka'ee worra hamaa naaf ka'ee morma? Eentu worra waan hantuu huju mormiisaaf, golii tiyya dhaabbata?
PSA 94:17 Mootiin Waan Maraa adoo na hin qarqaarre teetee, silaa ani ariiti'iin du'eera.
PSA 94:18 Yennaa ani, «Miilli kiyya mucucaate» jedhu, ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa na utuba.
PSA 94:19 Yennaa yaaddoon gadhaa kiyyatti bacattu, ati na jajjabeessitee lubbuu tiyya gammachiitta.
PSA 94:20 Worri seera sababeeffatee maltummaa huju, sooreyyiin hamooleen si woliin jaalota te'uu dande'anii ree?
PSA 94:21 Isaan jiruu worra balchoole'ee irratti ka'iisaaf wol qabatan; worra yakkaa hin qannetti du'a muran.
PSA 94:22 Mootiin Waan Maraa kiyya ammoo kushee naaf te'eera; Waaqi kiyya rassaa ani itti baqadhu.
PSA 94:23 Waaqi yakkaa isaaniitiif isaan hin adaba; hammeenna isaaniitiifille isaan hin balleessa; Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isaan hin balleessa.
PSA 95:1 Kowa'a, Mootii Waan Maraatiif, ilillisaa faarfannaa! Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa!
PSA 95:2 Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti; faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.
PSA 95:3 Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda'a; waaqota mara irratti mooti'i.
PSA 95:4 Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti; qacceen gaaraalle tama isaa ti.
PSA 95:5 Inni waan isii dadeef, abbaayaan ta isaa ti; lafa godduulle harkuma isaatitti dade.
PSA 95:6 Kowa'a, gad jennee isa waaqonfannaa! Mootii Waan Maraa ka nu dade duratti jilbiiffannaa!
PSA 95:7 Inni Waaqa keenna waan te'eef, nuuti kolbaa inni bobbaasu, hoolota inni tissu. Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane,
PSA 95:8 «Akkuma abbootiin teessan ta durii goomolee Mariiba'aatii fi Maasa'aa keessatti goote, isin mataa jabeeyyii hin te'ina'a.
PSA 95:9 Abbootiin teessan ta durii achitti, waan ani isaanii godhe adoo dhagganeeranu haga na ilaalanee, na aarsane.
PSA 95:10 Ani dhaloota san woggaa afurtama diqadhee, ‹Isaan worra karaa irraa goreeru; karaa kiyyalle hin beenne› jedhe.
PSA 95:11 Ani tanaaf aaree, ‹Isaan ijjumaa biyya fooraa tiyyatti hin galanu› jedhee kakadhe» jedhe.
PSA 96:1 Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; Kolbaan lafa irraa marti Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a.
PSA 96:2 Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a; maqaa isaa leellisa'a. Guyyuma guyya'aan fayyisiisa isaa lassa'a.
PSA 96:3 Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa, kolbaa maratti hujii isaa ta maade'ee lassa'a.
PSA 96:4 Mootiin Waan Maraa guddaa waan te'eef, guddifamee leellifamuu male; waaqota mara caalaa sodaatamuu male;
PSA 96:5 waaqoti gosa biyya adda addaa marti waaqota dharaa ti; Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade.
PSA 96:6 Ulfinnii fi arnyi fuula isaa dura, jabeennii fi dansummaan addee woyyittii isaa keessa jiran.
PSA 96:7 Maatiin gosa biyya adda addaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; ulfinnaa fi jabeenna Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 96:8 Ulfinna maqaa isaatiif te'u Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a; kennansa fida'aatii gara badhinna mana isaa kowa'a.
PSA 96:9 Dansummaa woyyummaa isaatiif Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a; nami lafa irraa marti fuula isaa duratti holladha'a.
PSA 96:10 Gosa biyya adda addaa maraan, «Mootiin Waan Maraa mooti'i! Biyyi lafaa jabaattee dhaabanteerti; isiin ijjumaa hin tachootu; inni kolbaa maraaf wol qixxee mura» jedha'a.
PSA 96:11 Ol-gubbaan gammadduu ti; lattille firinxiixxuu ti; abbaaya'aa fi wonni isii keessalle shookkittuu ti.
PSA 96:12 Ficha'aa fi wonni isa keessaa marti gammadduu ti; achiin duuba muki badda'aa marti ilillisaa hin faarsan.
PSA 96:13 Mootiin Waan Maraa waan dhufuuf, fuula isaa duratti ilillisaa faarsan; inni lafatti muriisaaf hin dhufa. Biyya lafaatitti balchumma'aan, kolbaa maratti dhuga'aan hin mura.
PSA 97:1 Mootiin Waan Maraa mooti'i! Latti gammadduu ti; isin worri oddoola abbaaya'aa keessa jirtanulle gammada'a.
PSA 97:2 Duumensii fi dukkanti dimmi isa marsaneeran; balchumma'aa fi haqi hundee mootummaa isaa ti.
PSA 97:3 Ibiddi dura isaa ideemaa, diinota isa marsaneeranu mara guba.
PSA 97:4 Balaqqeettiin isaa biyya lafaa issiti; lattille dhaggitee rommiti.
PSA 97:5 Mootii Waan Maraa ka lafa duudi'ii duratti, gaarri akka gaga'aa hin baqa.
PSA 97:6 Ol-gubbaan balchummaa isaa lassiti; kolbaan martille ulfinna isaa dhaggiti.
PSA 97:7 Worri fakkii waaqonfatu, ka waaqota dharaa gatii hin qanneen kooru marti hin fokkifatan; waaqoti marti isaaf jilbiiffatan.
PSA 97:8 Ee Mootii Waan Maraa, marroo muraa teetii worri Xiyoonii dhage'anee hin gammadan; kolbaan Yihuda'aalle hin ilillitti.
PSA 97:9 Ee Mootii Waan Maraa, ati lafa mara irratti Ol Aana'a; ati waaqota mara caalta.
PSA 97:10 Worri Mootii Waan Maraa jaalatu, waan hantuu jibbuu ti; inni lubbuu worra addatama'aa waan eeguuf, harka worra hamaaleyyi'ii jalaa isaan hin baasa.
PSA 97:11 Ifi worra balcha'aaf, gammaddi worra qajeela'aaf baya.
PSA 97:12 Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a; maqaa isaa woyyicha leellisa'a.
PSA 98:1 Inni hujii maade'ee waan hujeef, faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; inni harka ifii middichaa fi irree ifii woyyitti'iin injifateera.
PSA 98:2 Mootiin Waan Maraa fayyisiisa ifii akka beekkamu godheera; balchummaa ifiille gosa biyya adda addaatitti mudhiseera.
PSA 98:3 Inni jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii mana Israa'eliitiif yaadateera; worri qaccee lafaa jiru marti fayyisiisa Waaqa keennaa dhagganeeran.
PSA 98:4 Kolbaan lafa irraa marti Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a; gammadaa fi faaru'uun isa leellisa'a.
PSA 98:5 Qoonqoo kiraara guddichaatiin kiraaraa guddichaa fi faaru'uun Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 98:6 Tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufaa, Mootii Waan Maraa mooticha duratti ilillisa'a.
PSA 98:7 Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti, biyyi lafaatii fi wonni isii keessa le'u marti shookkisanuu ti.
PSA 98:8 Lagooti harka dhowanuu ti; gaaroti adduma tokko ilillisanuu ti.
PSA 98:9 Mootiin Waan Maraa kolbaa lafaatitti muriisaaf waan dhufuuf, isa duratti faarfatanuu ti. Inni biyya lafaatitti balchumma'aan, kolbaa maratti haqaan hin mura.
PSA 99:1 Mootiin Waan Maraa mooti'i; gosi biyya adda addaa hollattuu ti! Inni barcumaa mootumma'aa irra odduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu te'eera; lattille tachootuu ti.
PSA 99:2 Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessatti gudda'a; inni gosa biyya adda addaa irratti ol aana'a.
PSA 99:3 Maqaa keeti gudda'aa fi sodaatamaa leellisanuu ti. Inni woyyu'u!
PSA 99:4 Ati mootichi hunnaamessa; ati haqa jaalata; waan sirrii te'e hundeessiteerta; Israa'el keessatti haqaa fi balchummaa hujjeerta.
PSA 99:5 Mootii Waan Maraa Waaqa keenna saada'a; miila isaa jalatti sagada'a! Inni woyyu'u!
PSA 99:6 Hayyoota isaa keessaa gariin Muuse'ee fi Aaron; worra maqaa isaa waame keessaa tokkochi Saamu'el; isaan maqaa Mootii Waan Maraa waammatane; innille isaaniif deebii kenne.
PSA 99:7 Inni utubaa duumensaa keessaa isaanitti dubbate; isaanille qajeelfamaa fi seerata inni isaaniif kenne eegatane.
PSA 99:8 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ati deebii isaaniif kennite; cubbuu isaaniitiif haluu isaan baatulle, ati Waaqa araaraa isaaniif teeteerta.
PSA 99:9 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna woyyuu waan te'eef, isa saada'a; gaara isaa woyyicha irratti isa waaqonfadha'a.
PSA 100:1 Kolbaan lafa irraa marti, Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a.
PSA 100:2 Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila'a; gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha'a.
PSA 100:3 Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te'e beeka'a; ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti; nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu.
PSA 100:4 Galateeffataa gara karra isaa, leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena'a; isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa'a.
PSA 100:5 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa, addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti.
PSA 101:1 Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha; ee Mootii Waan Maraa faaruu leellisaa sii hin faarsa.
PSA 101:2 Ani jiruu komii hin qanne le'a. Ati yoom gara kiyya dhutta? Ani mana kiyya keessa komii malee ideema.
PSA 101:3 Ani waan hantuu ila tiyya dura hin keyadhu; ani hujii worra Waaqa irraa goree hin jibba; isiin natti hin maxxantu.
PSA 101:4 Namooti yaada micciiramaa qabanu na irraa fagaatanuu ti; ani waan hantuu woliin tokkummaa hin qabu.
PSA 101:5 Nama ollaa ifii dhossa'aan hamatu, hin balleessa; nama nama tuffatuu fi nama kooruuf ani hin ossadhu.
PSA 101:6 Akka isaan na woliin le'anuuf, ilti tiyya gara worra addatamaa lafa tana keessa jiranuu hin ilaalti. Nami karaa komii hin qanne ideemu inni na hin tajaajila.
PSA 101:7 Nami nama sobu mana kiyya keessa hin le'u; nami dhara dubbatu na dura hin dhaabbatu.
PSA 101:8 Ani guyyuma guyya'aan worra hamaa lafa tana keessa jiranu hin balleessa; worra hantuu huju mara qachaa Mootii Waan Maraa keessaa hin balleessa.
PSA 102:1 Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya naaf dhage'i; iyyi tiyyalle gara keeti dhuttuu ti.
PSA 102:2 Guyyaa rakkinna kiyyaa, fuula keeti na hin dhoffatin; gurra keeti gara kiyya deebifadhu; yennaa ani si waamu, ariifadhuu deebii naaf kenni.
PSA 102:3 Barri jiruu tiyyaa akka aaraa dabariisatti jira; lafeen tiyya akka barbada ibiddaa gubatiisatti jirti.
PSA 102:4 Gadhaan kiyya madowee akka marraa waan qooreef, sagalee nyaatiisa dadhabe.
PSA 102:5 Qoonqoo ol qabadhee waan aaduuf, lafeen tiyya gogaa kiyyatti maxxante.
PSA 102:6 Ani akka huummoo goomolee keessaa, akka urunguu waan diigame oddu'uu te'e.
PSA 102:7 Hirriiba malee irkadhee bula; ani akka sinbirree qofi-galeettii guutuu manaa irra jirtuu ti.
PSA 102:8 Guyyaa mara diinoti kiyya natti murgan; worri natti cooru maqaa kiyya maqaa abaarsaa godhatan.
PSA 102:9 Ani daadhaa akka sagale'ee nyaadhe; imimmaan waan unu woliin wolitti makadhe.
PSA 102:10 Mufii teeti guddoo irraa ta kaate, ati ol na fuutee gad na gatte.
PSA 102:11 Barri jiruu tiyyaa akka gaaddisa galgalaa dabara; ani akka marraa qoora.
PSA 102:12 Ee Mootii Waan Maraa, ati haga bara baraa barcumaa mootumma'aa keeti irra teetta; maqaan keeti dhalootaa haga dhalootaatitti hin jiraata.
PSA 102:13 Yennaan ati isi'iif gadhaa laattu amma waan dhutteef, ati hin kaata; Xiyoon hin mararta; yennaan murtootte dhutteerti.
PSA 102:14 Tajaajiltooti teeti dhakoota isi'iituu hin jaalatan; bututaa isi'ii ka diigameefuu gadhaa laafan.
PSA 102:15 Gosi biyya adda addaa maqaa Mootii Waan Maraa, moototi lafaa marti ulfinna isaa hin sodaatan.
PSA 102:16 Mootiin Waan Maraa Xiyoon deebisee hin ijaara; inni ulfinna ifiitiin hin mudhata.
PSA 102:17 Inni daadimata worra deegaa hin dhage'a; gaaffii isaaniille hin tuffatu.
PSA 102:18 Kolbaan amma hin dhalatin akka Mootii Waan Maraa leellittu, wonni kun dhaloota dhufuuf barreeffantuu ti.
PSA 102:19 Mootiin Waan Maraa addee woyyittii gubba'aa irraa gad ilaale; ol-gubbaa tee'ee lafa ilaale.
PSA 102:20 Inni aadiisa worra hidhameeruu dhage'e; worra duuti itti murante bilisa baase.
PSA 102:21 Tanaaf maqaan Mootii Waan Maraa Xiyoon keessatti, leellifamiisi isaa Yerusaalem keessatti laffama.
PSA 102:22 Tunille yennaa gosi biyya adda addaatii fi mootummooti Mootii Waan Maraa waaqonfatiisaaf wolitti qabamanu teeti.
PSA 102:23 Adoo ani dargaggeessaatuu inni jabeenna kiyya casseera; bara jiruu tiyyalle gabaasseera.
PSA 102:24 Maarre ani, «Ee Waaqa, ka barri keeti dhalootaa gara dhalootaatitti dabaru, wodhakkaa bara jiruu tiyyaatitti na hin fudhatin» jedhe.
PSA 102:25 Dur ati lafa dadde; ol-gubbaalle hujii harka keetii ti.
PSA 102:26 Isaan hin badan; ati ammoo hin leeta; isaan akka woya'aa hin dullooman; ati akka uffanaa isaan hin jijjiirta; isaanille hin gataman.
PSA 102:27 Ati ammoo yennaa mara sanuma; barri keetiille dhuma hin qabu.
PSA 102:28 Ijoolleen tajaajiltoota teetii nageyaan hin le'an; sanyiin isaaniille fuula keeti dura jabaatanee hin le'an.
PSA 103:1 Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi; keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.
PSA 103:2 Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi; waan dansaa inni godhe mara hin dedhin.
PSA 103:3 Ka cubbuu teeti mara si'iif araaramu, ka dhukkuba keeti mara fayyisu,
PSA 103:4 ka jiruu teeti awwaalamuu irraa wodu, ka jaalala bara baraatii fi marartii sii kennu,
PSA 103:5 dargaggummaan teeti akka risa'aa akka haareffantu, ka jiruu teeti waan dansa'aan quussu isa.
PSA 103:6 Mootiin Waan Maraa worra cunqurfame maraaf, balchumma'aa fi haqaan huja.
PSA 103:7 Inni karaa ifii Muuse'etti, hujii ifii kolbaa Israa'eliititti beessise.
PSA 103:8 Mootiin Waan Maraa mararti'ii fi araaraan ka guutame, ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala guddaa qabu.
PSA 103:9 Inni yennaa mara yakkaa teenna hin laakkowu; haga bara baraa aari'iin hin turu.
PSA 103:10 Inni akka cubbuu teennaatitti nu irratti hin huju; akka yakkaa teennaatitti gatii nu'uuf hin kaffalle.
PSA 103:11 Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu, worra isa sodaatuuf jaalalli isaa ka bara baraa akka malee gudda'a.
PSA 103:12 Akkuma garri aduun baatu gara aduun seentu irraa fagaatu, inni cubbuu teenna nu irraa fageessa.
PSA 103:13 Akkuma abbaan ijoollee ifiitiif gadhaa laafu, maarre Mootiin Waan Maraalle worra isa sodaatuuf gadhaa laafa.
PSA 103:14 Inni attam akka nuuti dadanne waan beekuuf, biyyee akka teene hin qaabata.
PSA 103:15 Barri jiruu namaa akkuma marraa ti; akkuma daraaraa badda'aa hin daraara.
PSA 103:16 Yennaa qilleensi dhowu daraaraan hin bada; addeen isaalle deebi'ee hin beekkamu.
PSA 103:17 Jaalalli bara baraa ka Mootii Waan Maraa ammoo bara baraa haga bara baraatitti, worra isa sodaatu woliin hin jiraata; balchummaan isaalle ijoollee ijoollee isaa woliin hin jiraatti.
PSA 103:18 Kunille worra gondooroo isaa eegatanuu fi worra ajaja isaa muummessiisaaf qaabatanuuf te'a.
PSA 103:19 Mootiin Waan Maraa barcumaa mootummaa ifii ol-gubbaa keessatti jabeessee dhaabbateera; mootummaan isaa waan mara bulchiti.
PSA 103:20 Isin ergantooti Waaqaa, worri jajannooti jajjabooti ka jecha isaatiif ajajantanee waan inni jedhu gootanu Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 103:21 Isin loltooti ol-gubba'aa marti, tajaajiltooti isaa worri fedhii isaa muummessitanu Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 103:22 Wonni inni dade marti, mootummaa isaa keessa addee jirtanu maratti Mootii Waan Maraa leellisa'a. Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi.
PSA 104:1 Ee lubbuu tiyya, Mootii Waan Maraa leellisi. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ati attam attam gudda'a! Ulfinnaa fi arnya uffatteerta.
PSA 104:2 Ati ifa akka woya'aa ifitti maratte; ol-gubbaa akka dunkaani'ii diriirsite.
PSA 104:3 Ati utubaa mana keetii bisaan ol-gubba'aa irra dhaabbachiitte; duumensa garreettaa fardaan harkifamu godhatte; koola qilleensaa irra teettee gulutte.
PSA 104:4 Ati qilleensa ergamaa keeti, bobe'a ibiddaa tajaajilaa keeti godhatte.
PSA 104:5 Akka isiin ijjumaa hin raafanne, ati lafa hundee isi'ii irratti dhaabbachiitte.
PSA 104:6 Abbaayaa akka woya'aa lafatti uffitte; bisaan gaarota golle.
PSA 104:7 Yennaa ati xixxe, bisaan baqate; qoonqoo mandiisu'uu teeti yennaa dhage'e dheete.
PSA 104:8 Gaarota gubbaa dhangala'ee, gad dhooqa keessa, gara addee ati isaaf qopheessitee dhaqe.
PSA 104:9 Akka deebi'ee lafa hin golline, meessaa inni dande'ee hin dabarre, ati isaaf goote.
PSA 104:10 Ati maddi dhooqa keessa akka yaa'u goote; isaan koobota wodhakkaa yaa'an.
PSA 104:11 Bineensoti isaan unan; harreen diidaalle untee dheebuu baati.
PSA 104:12 Sinbirrooti bisaan san biratti mana ijaarratan; isaan dameelee oddu'uu wocan.
PSA 104:13 Gubbaa irraa bokkeyaan gaarota bisaan obaatta; lattille waan ati hujjeen guutanti.
PSA 104:14 Marri hori'iif akka latu, namaafille sagalee waan te'uuf, lafa irraa midhaan akka latu goota.
PSA 104:15 Woyniin gadhaa namaa akka gammachiittu, zayitiin fuula namaa akka cululussitu, sagaleen akka nama jabeessitu goota.
PSA 104:16 Mukooti Mootii Waan Maraa birbirsooti Libaanonii, ka inni dhaabe bisaan guddaa dhaggatan.
PSA 104:17 Sinbirrooti isaan keessatti mana ijaarratan; qongaan birbirsa irratti hin gala.
PSA 104:18 Gaaroti dhedheeraan ka goda'aa ti; holli rassa'aa lafa osoleen itti baqattu.
PSA 104:19 Ji'a yennaa akka gargar baasuuf dadde; aduulle yennaa seensuma ifii hin beetti.
PSA 104:20 Ati dukkana dadde; isiin halkan teeti; yennaa san bineensoti badda'aa luuxanee bayan.
PSA 104:21 Neenqoti dardarooti adamo'oof dhangaa dhowan; sagalee ifii Waaqa irraa barbaadatan.
PSA 104:22 Yennaa aduun baatu, deebi'anee mandhee ifii keessa ciisan.
PSA 104:23 Achiin duuba nami gara hujii ifii bayee, haga galgalaatitti hujii ifii huja.
PSA 104:24 Ee Mootii Waan Maraa, hujiin teeti attam attam baca'a! Ati isaan mara qarumma'aan daddeerta; latti waan ati daddeen guutanteerti.
PSA 104:25 Kunoo, abbaayaan guddittiin guddo'oo fi badhoon achi jirti; bineensi didiqqa'aa fi gugurdaan, wonni lubbuu qabu bindillaan achi keessa jiran.
PSA 104:26 Abbaayaa san irra hobolooti gugurdoon hin ideeman; bineensi naacha fakkaatu, ka «Lewaataan» jedhamu achi keessa taphata.
PSA 104:27 Sagalee yenna'aan akka isaaniif kennitu, isaan kun marti si eeggatan.
PSA 104:28 Yennaa ati isaaniif kennitu, isaan wolitti qabatan; yennaa ati harka keeti isaaniif diriirsitu, isaan waan dansaa hin quufan.
PSA 104:29 Yennaa ati isaan irraa garagaltu, isaan guddoo sodaatan; yennaa ati hafuura isaanii isaan keessaa fudhatu, isaan hin du'an; gara biyye'ee hin deebi'an.
PSA 104:30 Yennaa ati hafuura keeti itti baafatu, isaan hin dadaman; ati lafa deebittee haareya goota.
PSA 104:31 Ulfinni Mootii Waan Maraa haga bara baraa jiraatuu ti; Mootiin Waan Maraa hujii ifiitiin gammaduu ti.
PSA 104:32 Inni ilaalchaan ka lafa rommisiisu; tuqiisaan gaara keessaa ka aara baasu.
PSA 104:33 Ani bara jiruu tiyyaa mara Mootii Waan Maraatiif hin faarsa; ani haga jiru mara Waaqa kiyya faaru'uun hin leellisa.
PSA 104:34 Yaadi gadhaa kiyyaa isa gammachiisuu ti; ani Mootii Waan Maraatiin hin gammada.
PSA 104:35 Cubbaaleyiin lafa irraa badanuu ti; hamaaleyyiin haganaa achi hin jiraatin. Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi; Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 105:1 Mootii Waan Maraa galateeffadha'a; maqaa isaa waammadha'a; waan inni huje gosa biyya adda addaa oddu'utti beessisa'a.
PSA 105:2 Isa faarfadha'a; faaru'uun isa leellisa'a. Waan bilbaasa inni huje mara odeessa'a.
PSA 105:3 Maqaa isaa woyyichaan ifi jaja'a; gadhaan worra Mootii Waan Maraa barbaaduu gammadee firinxiixuu ti.
PSA 105:4 Mootii Waan Maraatii fi jabeenna isaa barbaada'a; yennaa mara fuula isaa barbaada'a.
PSA 105:5 Hujii baasaa ta inni huje, bilbaasota, muraa inni kennelle qaabadha'a;
PSA 105:6 Isin ijoolleen Abrahaamii tajaajilaa isaa, isin ilmaan Yaaqoobii worri isaaf filatantane tana qaabadha'a.
PSA 105:7 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna; inni biyya lafaa duudi'itti mura.
PSA 105:8 Inni gondooroo ifii haga bara baraa, jecha ifii ka ajaje haga dhaloota kumaatitti hin dedhu.
PSA 105:9 Inni gondooroo Abrahaam woliin gondoore, kakuu Yisihaqiif kakate hin dedhu.
PSA 105:10 Tun Yaaqoobiif Seerata, Israa'eliif gondooroo bara baraa akka teetuuf jabeessee,
PSA 105:11 Mootiin Waan Maraa, «Qooda ati dhaaltu akka teetu, ani lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe.
PSA 105:12 Yennaa san laakkossi kolbaa Waaqaa hin bacanne; isaan laakkossaan worra diqqaa, biyya ormaatitti galee,
PSA 105:13 gosa biyya tokkoo irraa gara gosa biyya tokkoo, mootummaa tokko irraa gara kolbaa dhibi'ii asii fi achi worra daaqaa ture.
PSA 105:14 Mootiin Waan Maraa ammoo nami tokkolle akka isaan cunqursu hin goone; inni isaaniif jedhee mootota xixee,
PSA 105:15 «Worra ani muudadhe hin tuqina'a; raagota tiyya hin miidhina'a» jedhe.
PSA 105:16 Mootiin Waan Maraa lafa irratti beela buuse; sagalee isaanii mara balleesse.
PSA 105:17 Ammoo inni namicha tokko ka garbicha te'ee gurgurame, Yoseef isaaniin dura erge.
PSA 105:18 Isaan wodaroo sibiilaa miila isaatitti keyanee, wodaroo sibiilaatiin hidhane.
PSA 105:19 Wonni Yoseef dursee dubbate haga muummottutti, jechi Mootii Waan Maraa haga isa ilaale.
PSA 105:20 Mootichi biyya Gibxi'ii ka gosa biyya adda addaa bulchu, nama ergee isa hiikisiisee, bilisa isa baase.
PSA 105:21 Inni mana ifii irratti goottaa, qabeenna ifii mara irratti bulchaa isa godhate.
PSA 105:22 Qondaaltota mootichaa akka fedhe akka gorsu, gorsitoota mootichaalle qarummaa akka barsiisu godhe.
PSA 105:23 Achiin duuba Israa'el gara biyya Gibxi'ii dhaqee, maatiin Yaaqoobii biyya Kaamiititti alagaa teete.
PSA 105:24 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii baceessee, diinota isaanii caalaa isaan jabeesse.
PSA 105:25 Worri Gibxi'ii akka kolbaa isaa jibbitu, tajaajiltoota isaatitti mala akka dhoottu godhe.
PSA 105:26 Achiin duuba inni tajaajilaa ifii Muuse'ee fi Aaronii ifii filate erge.
PSA 105:27 Isaan beessisa bilbaasa isaa worra Gibxi'ii oddu'utti, waan maade'ee lafa kaamii keessatti hujane.
PSA 105:28 Mootiin Waan Maraa dukkana ergee lafa dukkaneesse; worri Gibxi'ii ammoo waan inni jedhe mormane.
PSA 105:29 Inni bisaan isaanii gara dhiigaa jijjiiree, qurxummii isaaniille akka du'anu godhe.
PSA 105:30 Biyya isaanii, kolloon moototaalle adoo hin hafin raachi keessa guute.
PSA 105:31 Mootiin Waan Maraa dubbannaan faachii fi bookeen biyya isaanii duudii keessa dhufane.
PSA 105:32 Bokkeya isaanii bokkeya dhaka'aa godhee, lafa isaanii maratti mandiisuu buuse.
PSA 105:33 Woynii isaaniitii fi harruu isaanii balleessee, muka lafa isaanii butuche.
PSA 105:34 Inni dubbannaan awwaannisi, korophiis laakkowanee hin dandeenne dhufane.
PSA 105:35 Isaan waan bisilee lafa isaanii keessaa mara, midhaan lafa isaaniille nyaatane.
PSA 105:36 Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessaa angafa te'ee ka dhalate mara, ilma isaanii angaficha mara ijjeese.
PSA 105:37 Achiin duuba inni Israa'elooti meeti'ii fi worqii fudhatanee akka bayanu godhe; gosa isaanii keessaa tokkolle nami duubatti hafe hin jiru.
PSA 105:38 Worri Gibxi'ii guddoo waan isaan sodaataneef, yennaa Israa'elooti bayanu gammadane.
PSA 105:39 Mootiin Waan Maraa akka golla'aa duumensa diriirsee, halkan ifa akka isaanii kennu ibidda isaaniif qopheesse.
PSA 105:40 Isaan gaafannaan inni barbadi-kille isaaniif fide; ol-gubbaa irraa sagalee isaanii kennee isaan quusse.
PSA 105:41 Inni rassaa dhoosee, bisaan keessaa lola'ee, akka lagaa goomolee keessa yaa'e.
PSA 105:42 Inni addii ifii woyyittii, tajaajilaa ifii Abrahaamiif kenne qaabate.
PSA 105:43 Inni kolbaa ifii gammadaan, worra isaaf filame ililleetti'iin akka bayanu godhe.
PSA 105:44 Inni lafa gosa biyya adda addaa isaaniif kenne; maarre isaan lafa worri dhibiin itti elowe fudhatane.
PSA 105:45 Tunille akka isaan seerata isaatii fi seera isaa eegatanuuf teete. Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 106:1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! Inni dansaa waan te'eef, haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf, Mootii Waan Maraa galateessa'a!
PSA 106:2 Hujii gugurdoo Mootii Waan Maraa eentu lallabee dande'a? Yookiin leellisa isaa mara eentu lassee dande'a?
PSA 106:3 Worri haqa eegu, worri yennaa mara balchumma'aan huju ka gammade.
PSA 106:4 Ee Mootii Waan Maraa, yennaa kolbaa teetiif waan dansaa gootu na qaabadhu; yennaa isaan baachu analle qarqaar.
PSA 106:5 Duroomiisa worra si'iif filamee akka dhaggu, gammadiisa kolbaa teetiitiin akka gammadu, kolbaa teeti woliin akka si leellisu na godhi.
PSA 106:6 Akkuma abbootii teennaa nuutille cubbuu hunyeerra; balleessineerra; waan hantuulle gooneerra.
PSA 106:7 Abbootiin teenna yennaa biyya Gibxi'ii jirtu, hujii teeti ta baasaa hin hubanne; gadhi-laafummaa teeti hin qaabanne; isaan abbaayaa diintuu biratti si irratti ka'ane.
PSA 106:8 Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa hunna ifii jadduu mudhisiisaaf, maqaa ifiitiif jedhee isaan baase.
PSA 106:9 Inni abbaayaa diintuu xixee, isiille godde; inni qilee keessa akka goomolee keessaa isaan sooresse.
PSA 106:10 Inni harka nyaapha isaanii keessaa isaan baasee, harka diinota isaanii keessaa isaan wode.
PSA 106:11 Bisaan diinota isaanii irra garagale; isaan keessaa tokkolle hin hanne.
PSA 106:12 Achiin duuba kolbaan jecha isaa dhugeeffatte; faaruu leellisaa isaaf faarsane.
PSA 106:13 Te'uu malee, isaan yoosuma waan inni huje dedhane; gorsa isaalle hin eeganne.
PSA 106:14 Isaan gammoojjii keessatti sagalee dharra'ane; goomolee keessatti Waaqa haga ilaalane.
PSA 106:15 Inni waan isaan gaafatane isaaniif kenne; ammoo dhukkuba isaan golgoleessu itti fide.
PSA 106:16 Isaan addee quttumaa san keessatti Muuse'ee fi woyyicha Mootii Waan Maraa Aaron hinaafane.
PSA 106:17 Latti gargar baqaxxee Daataan liqinsitee, waa'eloota Abiiraamiille'etti cufante.
PSA 106:18 Worra isaan hordofu oddu'utti ibiddi gabbate; bobe'i ibidda sanii worra hamaaleyyii muxuqi godhe.
PSA 106:19 Isaan gaara Horeebiititti jabbii hujanee, waaqa dharaa san waaqonfatane.
PSA 106:20 Isaan Waaqa ulfaataa ifii, fakkii horii marra dheeduutiin jijjiirane.
PSA 106:21 Isaan Waaqaa isaan baase, ka biyya Gibxi'ii keessatti waan gugurdoo huje,
PSA 106:22 hujii bilbaasaa ta inni biyya Kaamii keessatti huje, waan maade'ee ta inni abbaayaa diintuu biratti huje dedhane.
PSA 106:23 Maarre Waaqi silaa isaan hin balleessa jedheeraayyu; Muuseen inni filate sun ammoo, mufii isaa ta isaan balleessitu isaan irraa deebisiisaaf, odduu seenee fuula isaa dura dhaabbate.
PSA 106:24 Achiin duuba isaan lafa dansaa Kana'aanii san tuffatanee, addii Waaqi isaaniif kenne hin dhugeeffanne.
PSA 106:25 Isaan dunkaanii ifii keessatti gungumane; Mootii Waan Maraatiifille hin ajajanne.
PSA 106:26 Tanaaf inni harka ol fudhatee, goomolee keessatti akka isaan du'anu kakatee,
PSA 106:27 sanyiin isaanii gosa biyya adda addaa oddu'utti akka duutu, lafa mara keessa isaan bittinneesse.
PSA 106:28 Isaan waaqa, «Ba'aal Phe'or» jedhamu waaqonfatiisaan qabamanee, ciincaa waaqota lubbuu hin qanneef dhikaatelle nyaatane.
PSA 106:29 Isaan hujii ifiitiin Mootii Waan Maraa tuttuqanee aarsanee, odduu ifiititti balaa buusane.
PSA 106:30 Fiinehaas ammoo ka'ee worra yakkaa huje adabee, balaan sun dhaabbate.
PSA 106:31 Wonni inni tolche sun dhalootaa haga dhalootaatitti, yennaa mara akka balchumma'aatitti isaaf laakkowatante.
PSA 106:32 Bisaan Mariiba'aa biratti isaan Mootii Waan Maraa aarsane; sababa waan isaan hujaneetiif Muuseen rakkate.
PSA 106:33 Isaan akka malee waan Muusee aarsaneeranuuf, inni dubbii dubbii hin teene dubbate.
PSA 106:34 Akka Mootiin Waan Maraa isaan ajajetti, isaan gosa biyya adda addaa hin balleessine.
PSA 106:35 Ammoo gosa biyya adda addaa woliin makamanee, aadaa isaanii baratane.
PSA 106:36 Isaan waaqota dharaa, ka tiyyoo isaanitti te'e waaqonfatane.
PSA 106:37 Isaan ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ta ifii durriisotaaf ciincessane.
PSA 106:38 Isaan waaqota dharaa ka worra Kana'aaniitiif, dhiiga ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ta ifii, ta yakkaa hin qanne dhangalaasane; lattille dhiigaan battootte.
PSA 106:39 Akkasiin isaan hujii ifiitiin battowanee, akka gaarayyeeffattootaa Waaqaaf addatamummaa dhabane.
PSA 106:40 Tanaaf Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiititti aaree bobe'ee, isaan diqate.
PSA 106:41 Inni harka gosa biyya adda addaatitti dabarsee isaan kennee, diinoti isaanii bulchitoota isaanii te'ane.
PSA 106:42 Diinoti isaanii isaan cunqursanee, isaan baallii isaanii jala galane.
PSA 106:43 Inni yennaa hedduu isaan baase; isaan ammoo finqiliisatti jabaatanee, yakkaa ifiitiin salphatane.
PSA 106:44 Te'uu malee, yennaa iyya isaanii dhage'e, inni rakkinna isaanii ilaale.
PSA 106:45 Isaaniif jedhee inni gondooroo ifii qaabate; sababa jaalala guddaa ifiitiif isaaniif naye.
PSA 106:46 Worri isaan booji'e marti, akka isaaniif nayanu godhe.
PSA 106:47 Nuuti maqaa keeti woyyicha akka galateeffannuuf, si leellisiisaan akka ulfinna sii kenninuuf, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ati nu baasi; gosa biyya adda addaa keessaa wolitti nu qabi.
PSA 106:48 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii bara baraa haga bara baraa leellifamuu ti; kolbaan marti «Ameen» jettuu ti. Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 107:1 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, inni haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf, isa galateeffadha'a.
PSA 107:2 Worri Mootiin Waan Maraa wode, ka inni harka diinaa jalaa wode,
PSA 107:3 ka inni lafa karaa aduun baatuu fi seentu irraa, kaabaa fi kibba irraa wolitti qabe, isa galateeffadha'a.
PSA 107:4 Worri gariin goomolee duwwaa lafa womaa keessa hin jirre keessa daaqane; karaa gara qachaa keessa qubatanu isaan geessu irraa miliqane.
PSA 107:5 Isaan beelotaanee dheebotane; addiille kutatane.
PSA 107:6 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.
PSA 107:7 Inni gara qachaa isaan keessa qubatanuu, karaa qajeelaa irra isaan sooresse.
PSA 107:8 Jaalala isaa ka bara baraatiif, waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatiif godheef, isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.
PSA 107:9 Inni worra dheebote dheebuu baasa; worra beelotelle waan dansa'aan quussa.
PSA 107:10 Worri gariin dukkanaa fi dimma keessa, wodaroo sibiilaatiin hidhamanee le'ane.
PSA 107:11 Sababille isaan jecha Waaqaa mormanee, gorsa Waaqa Ol Aana'aa tuffatane.
PSA 107:12 Maarre inni hujii dadhassiittu'uun gad isaan qabe; isaan gad jigane; ka isaan qarqaarulle hin jiru.
PSA 107:13 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.
PSA 107:14 Inni dukkanaa fi dimma keessaa isaan baasee, wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhamane kukkute.
PSA 107:15 Jaalala isaa ka bara baraatiif, waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef, isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.
PSA 107:16 Inni balbala sageettu'uu caccasse; danqaraa sibiilaa adda lamatti qurxe.
PSA 107:17 Worri gariin karaa cubbu'uu waan deemaneef gowwoomanee, sababa yakkaa ifiitiifille farrane.
PSA 107:18 Isaan sagalee mara diqatanee, du'iisa geyane.
PSA 107:19 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille rakkinna guddaa isaanii jalaa isaan baase.
PSA 107:20 Inni jecha ifii ergee isaan fayyise; du'iisa irraa isaan hambure.
PSA 107:21 Jaalala isaa ka bara baraatiif, waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef, isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.
PSA 107:22 Ciincaa galataa dhikeessanuu ti; faaruu gammadaatiin hujii isaa odeessanuu ti.
PSA 107:23 Worri gariin hobolootaan abbaayaa irra deemaa, bisaan guddaa irra daldalatan.
PSA 107:24 Isaan waan Mootiin Waan Maraa godhu, bilbaasa inni qilee abbaayaa gudditti'ii keessatti huju dhaggane.
PSA 107:25 Inni ajajee, hobonbolattii danbalii abbaaya'aa ol fuutu kaase.
PSA 107:26 Isaan gara ol-gubba'aa ol ka'anee gara qile'ee gad bu'ane; rakkinna keessalle'etti addii kutatane.
PSA 107:27 Isaan akka nama machowee loollowanee tintimane; waan godhanulle wollaalane.
PSA 107:28 Achiin duuba isaan rakkinna ifii keessatti gara Mootii Waan Maraa iyyane; innille rakkinna isaanii keessaa isaan baase.
PSA 107:29 Inni hobonbolattii sarmisiisee, danbaliille cadhi godhe.
PSA 107:30 Isaan danbaliin waan cadhitteef gammadanee, innille gara buufata hoboloo gudditti'ii ta isaan bira geyiisaaf fedhanee isaan geesse.
PSA 107:31 Jaalala isaa ka bara baraatiif, waan bilbaasaa ka inni ilmaan namaatii godheef, isaan Mootii Waan Maraa galateeffatanuu ti.
PSA 107:32 Isaan wolde'a kolba'aa keessatti isa saadanuu ti; yaa'ii maanguddo'oo keessalle'etti isa leellisanuu ti.
PSA 107:33 Inni laga gara goomole'ee, madda bisaanii gara lafa godddu'uu jijjiire.
PSA 107:34 Sababa worra hamoolee isii irra le'uutiif, lafa midhaan baachu, akka lafa booqee sooddaa ta midhaan hin baanyee godhe.
PSA 107:35 Inni goomolee gara baleessa bisaanii, lafa godduulle gara madda bisaanii jijjiire.
PSA 107:36 Inni worri beelowaan akka achi qubatanu godhe; isaanille qachaa keessa le'anu ijaarratane.
PSA 107:37 Isaan ficha'atti midhaan facaafatanee, muka woyni'ii dhaabbatane; midhaan bacaalle galfatane.
PSA 107:38 Waaqi isaan eebbisee, isaan ijoollee bacaa horane; horiin isaaniille akka diqqaatu hin goone.
PSA 107:39 Yennaa isaan cunqurfamiisaan, rakkatiisaa fi gaddiisaan gad qabamane, laakkossi isaanii diqqaate.
PSA 107:40 Inni qondaaltotatti salphinna fidee, goomolee daandii hin qanne keessa akka daaqanu godhe.
PSA 107:41 Inni ammoo worra hiyyeeyyii farra keessaa baasee, maatii isaanii akka hoole'ee akka horanu godhe.
PSA 107:42 Worri qajeelaan waan kana dhagganee gammadan; worri hamaan ammoo afaan ifii qabatan.
PSA 107:43 Worri qarooleen waan kana hubatanuu ti; jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa qalbeeffatanuu ti.
PSA 108:1 Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu; ani gadhaa tokkochaan, meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha!
PSA 108:2 Ee kiraara guddicha, ee maseenqo'o dammaqa'a! Anille boruu hin dayyaasa.
PSA 108:3 Ee Mootii Waan Maraa, ani gosa biyya adda addaa oddu'utti si galateeffadha. Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti faaru'uun si leellisa.
PSA 108:4 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef, akka ol-gubba'aa ol fagaata; addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.
PSA 108:5 Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami; ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
PSA 108:6 Kolbaan ati jaalatu akka baatu, hunna teetiin nu baasi; daadimata keennaafille deebii kenni.
PSA 108:7 Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, «Ani injifadhee, lafa, ‹Sheekem› jedhantu hin hira; dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf hin qooda.
PSA 108:8 Latti Giil'aadii tiyya; latti Minaase'eelle tiyya; Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti; Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti.
PSA 108:9 Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti; Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf, kophee tiyya irratti hin qolaansa; Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera.
PSA 108:10 Gara qachaa guddicha dalleya dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree? Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree?
PSA 108:11 Ee Waaqa, ati nu gatteerta; loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta.
PSA 108:12 Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baneef, diinota keenna akka lolluuf, ati nu qarqaar.
PSA 108:13 Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna; inni diinota keenna hin salphisa.
PSA 109:1 Ee Waaqa, ka ani leellifadhu, hin cadhisin.
PSA 109:2 Worri hamaaleyyi'ii fi dharaameyyiin dharaan afaan natti banatan; arraba dharaatiin natti dubbatan.
PSA 109:3 Isaan na marsanee jecha jibbaa dubbatan; sababa malee na lolan.
PSA 109:4 Ani isaan jaaladhulle, isaan na lolan; ani ammoo isaaniif hin daadimadha.
PSA 109:5 Waan dansaa ani godheef, isaan waan hantuu naaf deebisan; ani isaan jaaladha; isaan ammoo na jibban.
PSA 109:6 Abbaa mura'aa hamaa diina kiyya irratti kaasi; nami isa himatu midda isaa dhaabbatuu ti.
PSA 109:7 Kora mura'aa duratti yakkaamessa te'ee dhaggamuu ti; daadimati isaalle akka cubbu'uu isatti laakkowantuu ti.
PSA 109:8 Barri jiruu isaa gabaabbatuu ti; nami dhibiin sooressummaa isaa fudhatuu ti.
PSA 109:9 Ijoolleen isaa ka abbaa hin qanne teetuu ti; niitiin isaalle haadha hiyyeessaa teetuu ti.
PSA 109:10 Ijoolleen isaa daaqaa kadhattuu ti; mana diigamaa amma keessa le'anu keessaalle'ee ari'amanuu ti.
PSA 109:11 Qabeenna isaa mara abbaan beenya'aa qabatuu ti; waan inni itti elowee dhaggate alagaan saamuu ti.
PSA 109:12 Nami isaaf nawu, yookiin ijoollee isaa ta abbaa hin qanne ka kunuunsu, tokkolle hin jiraatin.
PSA 109:13 Sanyiin isaa dhumattuu ti; maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haxowamee baduu ti.
PSA 109:14 Mootiin Waan Maraa yakkaa abbootii isaa ta durii qaabatuu ti; cubbuun haadha isaalle haxowantee hin balleeffanti.
PSA 109:15 Mootiin Waan Maraa yennaa mara cubbuu isaanii qaabatuu ti; isaan ijjumaa lafa irraa dedhamanuu ti.
PSA 109:16 Namichi hamaan worra hiyyeeyyii, worra rakkata'aa fi worra akka malee gaddeeru ari'ee ijjeese malee, isaaniif hin mararre.
PSA 109:17 Inni abaaruu jaalate; abaarsi isatti dhufuu ti; inni eebba hin jaalatu; eebbi isa irraa fagaatuu ti.
PSA 109:18 Inni abaarsa akka woya'aa uffate; abaarsi akka bisaanii gara nafa isaa, akka zayiti'ii gara lafee isaa seenuu ti.
PSA 109:19 Abaarsi akka woyaa inni facaafatuu, akka hiituu inni guyyaa mara hidhatuu isatti te'uu ti.
PSA 109:20 Kun martinuu gatii Mootii Waan Maraa biraa worri na himatu, ka hantuu tiyya dubbatu dhaggatu teetuu ti.
PSA 109:21 Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ammoo maqaa keetiif jedhii waan dansaa naa godhi; jaalala keeti ka bara baraatiin, na baasi.
PSA 109:22 Ani hiyyeessa, rakkataalle waan te'eef, gadhaan kiyya na madowe.
PSA 109:23 Ani akka gaaddisa galgalaa dabaraara; akka awwaannisa muka irraa hargufanuu hargufamiisatti jira.
PSA 109:24 Laamiisa irraa ka ka'e jilbi kiyya lelleqe; nafi kiyya huqqatee googiraa te'e.
PSA 109:25 Diinota kiyyaaf murgoo te'e; isaan yennaa na dhagganu mataa natti raasan.
PSA 109:26 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, na qarqaar; jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na baasi.
PSA 109:27 Ee Mootii Waan Maraa, wonni kun hujii harka keetii akka teete, akka ati waan kana hujje diinoti kiyya beekanuu ti.
PSA 109:28 Isaan na abaaran; ati ammoo na hin eebbitta; isaan natti ka'an; ammoo hin salphatan; ani tajaajilaan keeti ammoo hin gammada.
PSA 109:29 Diinoti kiyya salphinna akka woya'aa uffatanuu ti; qaanii akka bullukko'oo facaafatanuu ti.
PSA 109:30 Afaan kiyyaan guddisee Mootii Waan Maraa galateeffadha; kolbaa hedduu duratti isa leellisa.
PSA 109:31 Sababille harka worra du'a isaanitti mure jalaa baasiisaaf, inni midda worra rakkata'aa dhaabbatta.
PSA 110:1 Mootiin Waan Maraa Goottaa kiyyaan, «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala kewutti, ati midda kiyya tee'i» jedhe.
PSA 110:2 Mootiin Waan Maraa Xiyoon irraa ulee bokku'uu ta jabeenna keetii si'iif hin erga; atille diinota keeti irratti mootii te'i!
PSA 110:3 Guyyaa ati diinota keeti loltu, kolbaan teeti fedhii ifiitiin si woliin hin duulan; dargaggooti teetille akka fixeensa dayya'a boru'uu, kooba woyyittii irratti gara keeti hin dhufan.
PSA 110:4 Mootiin Waan Maraa, «Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, ati hayyuu bara baraa ti» jedhee kakateera; inni yaada ifii hin jijjiiratu.
PSA 110:5 Mootiin Waan Maraa midda keeti jira; guyyaa mufii ifii mootota hin butucha.
PSA 110:6 Inni gosa biyya adda addaatitti hin mura; reeffa isaan keessa hin guuta; bulchitoota lafaa duudiille hin butucha.
PSA 110:7 Mootichi madda karaa cina'aa keessaa bisaan hin una; tanaaf inni mataa ifii ol hin qabata.
PSA 111:1 Mootii Waan Maraa Leellisa'a! Kora worra qajeela'aatii fi wolde'a keessatti, gadhaa tokkochaan ani Mootii Waan Maraa hin saadadha!
PSA 111:2 Wonni Mootiin Waan Maraa huje guddo'o; worri hujii guddoo saniin gammadu marti isii hubatiisa barbaada.
PSA 111:3 Wonni inni huje marti ulfinnaa fi arnyaan guutanteerti; balchummaan isaalle haga bara baraa jabaattee dhaabbatti.
PSA 111:4 Mootiin Waan Maraa hujii ifii akka qaabatantu godhe; inni arja'a; mararaalle'e.
PSA 111:5 Inni worra isa sodaatuuf sagalee hin kenna; haga bara baraa gondooroo ifii hin qaabata.
PSA 111:6 Inni lafa gosa adda addaa isaanii kenniisaan, hunna ifii kolbaa ifiititti mudhiseera.
PSA 111:7 Hujiin harka isaa marti dhuga'aa fi haqa; seerri isaa marti addatama'a.
PSA 111:8 Seerri isaa haga bara baraa jabaatee dhaabbatee, addatamumma'aa fi balchumma'aan hujameera.
PSA 111:9 Inni kolbaa ifiitiif wodoo erge; gondooroo ifiille haga bara baraa ajaje; maqaan isaa woyyicha; ka sodaatamelle'e.
PSA 111:10 Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa; worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban; kolbaan haga bara baraa Mootii Waan Maraa saadatu'uu malte.
PSA 112:1 Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti; nami Mootii Waan Maraa sodaatu, ka ajaja isaatiin guddoo gammadu ka gammade.
PSA 112:2 Sanyiin isaa lafa san keessatti worra jabaa hin te'an; dhalooti worra qajeela'aa hin eebbifanti.
PSA 112:3 Manni isaa taajurumma'aa fi durumma'aan hin guutama; balchummaan isaaniille haga bara baraa hin jiraatti.
PSA 112:4 Nama arja'aa, nama marara'aa fi, nama balcha'aafille, dukkana keessalle'etti ifi isaaf hin baya.
PSA 112:5 Nama arjaa, liqaa namaaf kennu wonni dansaan isaaf hin teeti.
PSA 112:6 Dhugumaan inni ijjumaa hin raafamu; nami balchaan haga bara baraa hin qaabatama.
PSA 112:7 Inni oduu hantuu hin sodaatu; Mootii Waan Maraatitti waan addatuuf, gadhaan isaa hin mamu.
PSA 112:8 Gadhaan isaa ijjumaa hin raafamu; hin sodaatu; dhuma irratti jinnana diinota ifii hin dhagga.
PSA 112:9 Inni arjumma'aan worra hiyyeeyyi'iif kenna; balchummaan isaa haga bara baraa jiraatti. Hunnaa fi ulfinnaan hin saadama.
PSA 112:10 Nami hamaan tana dhaggee hin aara; inni ilkaan ifii qaree, hin bada; halchaan isaalle ta bu'aa hin qanne teeti.
PSA 113:1 Mootii Waan Maraa leellisa'a; ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa, Mootii Waan Maraa leellisa'a; maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 113:2 Ammaa jalqabee haga bara baraa, maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.
PSA 113:3 Baya adu'uutii jalqabee haga seensa adu'uutitti, maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.
PSA 113:4 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa mara irratti ol aanana'a; ulfinni isaa ol-gubbaa caala.
PSA 113:5 Ka akka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa, Ka barcumaa mootummaa gubba'aa irra tee'u,
PSA 113:6 ka ol-gubba'aa fi lafa gad ilaalu eennu?
PSA 113:7 Inni hiyyeeyyii bukuu keessaa kaasa; worra rakkataalle tuulaa daadha'aa keessaa ol fuudha.
PSA 113:8 Inni qondaaltota woliin, qondaaltota kolbaa ifii woliin isaan teessisa.
PSA 113:9 Maseentittiin haadha ijoolle'ee teetee, gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha; Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 114:1 Yennaa Israa'el, sanyiin Yaaqoobii, gosa afaan ormaa dubbattu, biyya Gibxi'ii keessaa baate,
PSA 114:2 Yihudaan addee woyyittii Waaqaa, Israa'elille bulchiisa isaa jala teete.
PSA 114:3 Abbaayaan dhaggitee baqatte; lagi Yordaanosiille gara duubaa deebi'e.
PSA 114:4 Gaaroti akka korbeeyyii hoole'ee, koobotille akka ilmoolee hoole'ee burraaqane.
PSA 114:5 Ee abbaaya'a, ati maaf baqatte? Ee laga Yordaanosii, gara duubaa maaf deebite?
PSA 114:6 Ee gaarota, isin maaf akka korbeeyyii hoole'ee, ee koobota, isin maaf akka ilmoolee hoole'ee burraaxxane?
PSA 114:7 Ee lafa, Goottaa duratti, fuula Waaqa Yaaqoobii duratti holladhu!
PSA 114:8 Inni rassaa gara baleessaatitti, rassaa jabaa gara madda bisaaniititti hin deebisa.
PSA 115:1 Nu'uufii moti, ee Mootii Waan Maraa, nu'uufii moti, sababa jaalalaa fi addatamummaa teetiitiif jedhii, maqaa keeti ulfeessi!
PSA 115:2 Gosi biyya adda addaa, «Waaqi isaanii meet» maaf jedhan?
PSA 115:3 Waaqi keenna ol-gubbaa jira; waan isa gammachiisu mara godha.
PSA 115:4 Waaqoti isaanii ka dharaa meeti'ii fi worqii, harka namaatiin hujante.
PSA 115:5 Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu; ila qaban malee, hin dhagganu.
PSA 115:6 Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu; funnaan qaban malee, foolee hin fuudhanu.
PSA 115:7 Isaan harka qaban malee, qaqqabuu hin dande'anu. Miila qaban malee, hin ideemanu; laagadaan isaaniille qoonqoo hin dhageessisu.
PSA 115:8 Worri isaan hujee fi isaanitti dhugeeffatu martinuu, akkuma isaanii hin te'an.
PSA 115:9 Ee kolbaa Israa'elii, ka isin qarqaaruu fi isin eegu isa waan te'eef, Mootii Waan Maraatitti addadha'a!
PSA 115:10 Ee hayyoota, sanyii Aaronii, inni qarqaaraa keessan; wontee teessanille'e. Mootii Waan Maraatitti addadha'a!
PSA 115:11 Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu, Mootii Waan Maraatitti addadha'a! Inni qarqaaraa keessan; wontee teessanille'e.
PSA 115:12 Mootiin Waan Maraa nu qaabata; nu hin eebbisalle'e; inni kolbaa Israa'elii hin eebbisa; inni hayyoota sanyii Aaronii hin eebbisa.
PSA 115:13 Inni worra isa sodaatu, diqqa'aa fi guddaa hin eebbisa.
PSA 115:14 Mootiin Waan Maraa isinii fi ijoollee teessan akka hortanu godhuu ti.
PSA 115:15 Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa ka dade isin eebbisuu ti.
PSA 115:16 Ol-gubbaan ol-gubbootaa ta Mootii Waan Maraa ti; latti ammoo ilmaan namaatiif kennanteerti.
PSA 115:17 Worri du'eeru, ka gara cadheessaa gad bu'eeru, Mootii Waan Maraa leellisuu hin dande'u.
PSA 115:18 Nuuti worri jirru ammoo, ammaa jalqannee haga bara baraa, Mootii Waan Maraa hin leellifanna; Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 116:1 Mootiin Waan Maraa qoonqoo tiyyaa fi iyyata kiyya waan dhage'eef, ani isa jaaladha.
PSA 116:2 Inni waan naa dhage'uuf, ani bara jiruu tiyyaa mara isa waammadha.
PSA 116:3 Wodaroon du'aa natti maratte; rakkoon farri addee worri du'e jiruu na qabatte; farraa fi gaddaa keessa seene.
PSA 116:4 Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa, ani si daadimadhaa na baasi» jedhee maqaa Mootii Waan Maraa waammadhe.
PSA 116:5 Mootiin Waan Maraa arja'a; balchaalle'e; Waaqi keenna marara'a.
PSA 116:6 Mootiin Waan Maraa worra gad ifi qabu hin eega; yennaa ani gad qabame, inni na qarqaare.
PSA 116:7 Mootiin Waan Maraa waan dansaa waan si'iif godheef, ee lubbuu tiyya, gara foora keetii deebi'i.
PSA 116:8 Ee Mootii Waan Maraa, lubbuu tiyya du'a irraa, ila tiyya imimmaan irraa, miila kiyya gufatiisa irraa hamburte.
PSA 116:9 Maarre ani Mootii Waan Maraa dura, lafa worra jiraata'aa keessa ideema.
PSA 116:10 Ani yennaa, «Ani guddoo rakkadheera» jedheeyyuu, dhugeeffannaa tiyya hin lakkinne.
PSA 116:11 Ani yennaa sodaadhe, «Nami addatamu tokkoolle hin jiru» jedhe.
PSA 116:12 Waan dansaa inni naaf kenne maraaf, ani Mootii Waan Maraatiif maan deebisee dande'a?
PSA 116:13 Mootiin Waan Maraa waan na fayyiseef, ani isa hin galateeffadha; kennansa daadhii woyni'ii isaaf hin dhikeessa.
PSA 116:14 Fuula kolbaa isaa mara duratti, ani waan waadaa gale Mootii Waan Maraatiif hin muummessa.
PSA 116:15 Duuti worra woyyootaa, Mootii Waan Maraa duratti ulfinna qaddi.
PSA 116:16 Ee Mootii Waan Maraa, ani tajaajilaa keeti; ani tajaajilaa keeti, ilma garbittii teetii ti; ati hidhaa tiyya keessaa na hiitteerta.
PSA 116:17 Ani ciincaa galataa si'iif hin dhikeessa; gara keetille hin daadimadha.
PSA 116:18 Ani fuula kolbaa isaa mara duratti, waan Mootii Waan Maraatiif waadaa gale hin muummessa;
PSA 116:19 Tanalle badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessatti, Yerusaalem wodhakka'atti hin godha. Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 117:1 Gosi biyya adda addaa martinuu Mootii Waan Maraa leellisa'a; kolbaan martinuu isa saada'a.
PSA 117:2 Jaalalli isaa ka bara baraa ka inni nu'uuf qabu guddaa waan te'eef, addatamummaan isaa haga bara baraa ti. Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 118:1 Inni dansaa waan te'eef, jaalala isaa ka bara baraatiif Mootii Waan Maraa galateessa'a.
PSA 118:2 Kolbaan Israa'elii, «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.
PSA 118:3 Sanyiin Aaronii, «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.
PSA 118:4 Worri Mootii Waan Maraa sodaatu, «Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhuu ti.
PSA 118:5 Ani rakkinna kiyya keessatti gara Mootii Waan Maraa iyye; innille deebii naa kennee, bilisa na baase.
PSA 118:6 Mootiin Waan Maraa na woliin jira; ani hin sodaadhu; nami maan na godhuu dande'a?
PSA 118:7 Mootiin Waan Maraa na qarqaariisaaf na woliin jira; ani jinnana diinota kiyyaa hin dhagga.
PSA 118:8 Namatti addatiisaa mannaa, gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.
PSA 118:9 Qondaaltotatti addatiisaa mannaa, gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.
PSA 118:10 Gosi biyya adda addaa marti na marsane; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan balleesse.
PSA 118:11 Isaan gara maraan na marsane; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan balleesse.
PSA 118:12 Isaan akka kinniisaa na marsane; ammoo akka ibidda qore'ee dhaamane; ani maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan balleesse.
PSA 118:13 Ani gara duubaa dhiibamee, jigiisa geye; Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare.
PSA 118:14 Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyyaa fi faaruu tiyya; inni fayyinna kiyya te'eera.
PSA 118:15 Qoonqoon gammadaatii fi injifanno'oo, dunkaanii worra balchootaa keessaa, «Harki Mootii Waan Maraa middichi hujii jadduu huje;
PSA 118:16 harki Mootii Waan Maraa middichi ol ka'e; harki Mootii Waan Maraa middichi hujii jadduu huje» jettu dhage'ante.
PSA 118:17 Ani hin le'a malee, hin du'u; waan Mootiin Waan Maraa hujelle hin odeessa.
PSA 118:18 Mootiin Waan Maraa jabeessee na adabeera; ammoo du'aaf dabarsee na hin kennine.
PSA 118:19 Akka ani ol seenee Mootii Waan Maraa galateeffadhuuf, balbala balchumma'aa naaf bana'a.
PSA 118:20 Tun balbala Mootii Waan Maraa ti; karaa balchooleen seenanu.
PSA 118:21 Ati waan naa dhageetteef, fayyinna kiyyalle waan naaf teeteef si galatteeffadha.
PSA 118:22 Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e;
PSA 118:23 Tun hujii Mootii Waan Maraa ti; isiin ila teennalle'etti waan baasaa ti.
PSA 118:24 Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana; itti gammannee firinxiindhuu ti.
PSA 118:25 Ee Mootii Waan Maraa nu baasi; ee Mootii Waan Maraa nu milkeessi.
PSA 118:26 Maqaa Mootii Waan Maraatiin ka dhufu ka eebbifame; nuuti Galma Waaqaa keessaa isin eebbinna.
PSA 118:27 Mootiin Waan Maraa Waaqa; inni ifa nu'uuf isseera. Dameelee bisilee qabannee, jila bobbaanee, haga gaafota addee ciinca'aa dhandhuu ti.
PSA 118:28 Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha; ati Waaqa kiyya; ani si saadadha.
PSA 118:29 Inni dansaa waan te'eef, jaalala isaa ka bara baraatiif Mootii Waan Maraa galateessa'a.
PSA 119:1 Worri karaan isaanii komii hin qanne, ka seera Mootii Waan Maraatiin ideemanu ka gammadane.
PSA 119:2 Worri ajaja isaa eegatu, ka gadhaa tokkochaan isa barbaadu ka gammade.
PSA 119:3 Isaan dokonkora hin hujanu; karaa isaa ideeman.
PSA 119:4 Mootii Waan Maraa, ajaji keeti guutumatti akka eegamu, ati ajajjeerta.
PSA 119:5 Ani ajaja keeti eegatiisaan, jabaadhee adoo dhaabbadhee attam attam halcha!
PSA 119:6 Ani ila tiyya ajaja keeti mara irraa yoo hin buqqifatin, ani hin qaanowu.
PSA 119:7 Muraa haqaa teeti yennaa baradhe, ani gadhaa qajeela'aan si leellisa.
PSA 119:8 Ani ajaja keeti hin eegadha; ati ijjumaa na hin lakkisin.
PSA 119:9 Dargaggooti attamiin karaa ifii qulqullumma'aan eegatiisa dande'an? Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.
PSA 119:10 Ani gadhaa tokkochaan si barbaada; ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin.
PSA 119:11 Akka si hin yakkineef, jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.
PSA 119:12 Ee Mootii Waan Maraa, ati ka leellifante; seera keeti na barsiisi.
PSA 119:13 Ani qajeelfama afaan keetii baye mara, afaan kiyyaan hin lallaba.
PSA 119:14 Akkuma nami durummaa guddo'otti gammadu, ani qajeelfama keeti hordofiisatti hin gammada.
PSA 119:15 Ani ajaja keeti irra deddeebi'ee itti hin yaada; karaa keeti irraa ila tiyya hin buqqifadhu.
PSA 119:16 Ani seera keetiin hin gammada; ani jecha keeti hin dedhu.
PSA 119:17 Akka ani le'uuf, jecha keetiifille akka ajajamu, ana tajaajilaa keetiif waan dansaa godhi.
PSA 119:18 Waan maade'ee ta seera keeti keessaa akka dhaggu, ila tiyya bani.
PSA 119:19 Ani lafa irratti alaga'a; ajaja keeti na hin dhossin.
PSA 119:20 Lubbuun tiyya seera keeti halchiisaan, yennaa mara akka malee dadhaddi.
PSA 119:21 Ati worra koorameeyyii abaarame, ka ajaja keeti irraa gore, hin xixxa.
PSA 119:22 Ani ajaja keeti waan eegadheef, ati murgo'oo fi tuffii isaanii na irraa fageessi.
PSA 119:23 Qondaaltoti tee'anee mala na irratti dhowanulle, ani tajaajilaan keeti seera keeti itti deddeebi'ee hin yaada.
PSA 119:24 Ajaji keeti marti na gammachiisan; isaan gorsitoota tiyya.
PSA 119:25 Ani du'iisa geyeera; ati akka jecha keetiititti lubbuu tiyya natti deebisi.
PSA 119:26 Ani waan jiruu tiyya keessatti te'e mara sitti himadheera; atille deebii naaf kenniteerta; seera keeti mara na barsiisi.
PSA 119:27 Ajaja keeti na hubachiisi; anille hujii teeti ta maade'ee itti deddeebi'ee hin yaada.
PSA 119:28 Lubbuun tiyya gaddaan dadhaddeerti; akka jecha keetiititti na jabeessi.
PSA 119:29 Karaa sobaa na irraa fageessi; badhaadha keetiin seera keeti na barsiisi.
PSA 119:30 Ani karaa dhuga'aa filadheera; seera keeti ifi dura keyadheera.
PSA 119:31 Ee Mootii Waan Maraa, ani jaja keeti jabeessee qabadheera; na hin qaanessin.
PSA 119:32 Ati waan bilisa na baatteef, ani karaa ajaja keetii rukkisa.
PSA 119:33 Ee Mootii Waan Maraa, karaa seera keetii na barsiisi; anille yennaa mara hin hordofa.
PSA 119:34 Seera keeti akka ani eegadhu, gadhaa tokkochalle'een akka ani ajajamu, hubantii naa kenni.
PSA 119:35 Ani waan ittiin gammaduuf, daandii ajaja keetii irra akka deemu na godhi.
PSA 119:36 Bu'aa haqa hin te'in dhaggatiisa irraa, gadhaa kiyya gara ajaja keetii deebisi.
PSA 119:37 Ila tiyya waan bu'aa hin qanne irraa deebisi; karaa keeti irratti jiruu naa kenni.
PSA 119:38 Akka sodaatantuuf, Waadaa ana tajaajilaa keetiif galte muummessi.
PSA 119:39 Seerri keeti dansaa waan te'eef, qaanii ani sodaadhu na irraa fageessi.
PSA 119:40 Kunoo, ani ajaja keeti eegatiisaaf dharra'a; balchummaa teetiin jiruu naa kenni.
PSA 119:41 Ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa gara kiyya dhufuu ti; akka waadaa keetiititti fayyisiis keetille gara kiyya dhufuu ti.
PSA 119:42 Achiin duuba ani jecha keetitti waan addadhuuf, worra na arrassuuf deebii hin kenna.
PSA 119:43 Ani seera keetitti addii waan godhadhuuf, jecha dhuga'aa keeti dubatiisa na hin dhooggin.
PSA 119:44 Ani yennaa mara, haga bara baraa seera keeti hin eegadha.
PSA 119:45 Ani ajaja keeti muummessiisa waan barbaaduuf, bilisaan hin ideema.
PSA 119:46 Ani ajaja keeti mootota duratti hin dubbadha; hin qaaneffadhu.
PSA 119:47 Ani ajaja keeti hin jaaladha; ittille hin gammada.
PSA 119:48 Ani harka kiyya gara ajaja keeti ka jaaladhuu ol hin kaasa; seerata keetille itti deddeebi'ee hin yaada.
PSA 119:49 Jecha keeti ka akka ani addi'iin eegadhu goote, ana tajaajilaa keetiif qaabadhu.
PSA 119:50 Waadaan keeti jiruu waan naa kenneef, rakkinna kiyya keessatti jajjabeenni kiyya kana.
PSA 119:51 Worri koorameeyyiin yennaa mara natti murgan; ani ammoo seera keeti irraa hin deebine.
PSA 119:52 Ee Mootii Waan Maraa, ani seeraa keeti ka durii durii yennaa qabaadhu, ittiin hin jajjabaadha.
PSA 119:53 Worri hamaaleyyiin seera keeti waan lakkisaneef, aariin guddoon na qabatte.
PSA 119:54 Addee le'u maratti ajaji keeti faaruu tiyya.
PSA 119:55 Ee Mootii Waan Maraa, halkan keessa maqaa keeti qaabadha; seera keetille hin eegadha.
PSA 119:56 Ani ajaja keeti eegadhe; tunille hujii tiyya teete.
PSA 119:57 Ee Mootii Waan Maraa, jiruu tiyya keessatti ati qooda kiyya; ani jecha keeti eegatiisaaf waadaa galeera.
PSA 119:58 Fudhatama dhaggatiisaaf, gadhaa tokkochaan si daadimadha; akkuma waadaa keetiititti naa marari.
PSA 119:59 Ani yennaa karaa keeti yaadadhu, miila kiyya gara ajaja keetii deebifadha.
PSA 119:60 Ani ajaja keeti muummessiisaaf, hin ariifadha; hin turu.
PSA 119:61 Worri hamaan wodaroo natti marulle, ani seera keeti hin dedhu.
PSA 119:62 Muraa teeti balchitti'iif, si galateeffatiisaaf, ani halkan wodhakkaa hin ka'a.
PSA 119:63 Ani worra si sodaatu maraaf, worra ajaja keeti eegatu maraaf jaala.
PSA 119:64 Ee Mootii Waan Maraa, latti jaalala keeti ka bara baraatiin guutanteerti; seera keeti na barsiisi.
PSA 119:65 Ee Mootii Waan Maraa, akkuma jecha keetiititti, ati tajaajilaa keetiif waan dansaa gooteerta.
PSA 119:66 Ani ajaja keeti waan addadhuuf, beekkumsaa fi hubantii dansaa na barsiisi.
PSA 119:67 Adoo hin rakkatin dura, ani karaa keeti irraa goreera; amma ammoo jecha keeti hin eegadha.
PSA 119:68 Ati dansa'a; wonni ati gootulle dansa'a; seera keeti na barsiisi.
PSA 119:69 Worri koorameeyyiin dharaan maqaa na balleessanulle, ani ammoo gadhaa tokkochaan ajaja keeti hin eegadha.
PSA 119:70 Isaan mataa jabaatan; ani ammoo seera keetiin gammada.
PSA 119:71 Seera keeti akka baradhu, rakkatiisi kiyya dansa'a.
PSA 119:72 Worqi'ii fi meetii kuma hedduu caalaa, seera afaan keetii bayu naaf woyya.
PSA 119:73 Harki keeti na huje; na mimmiidhasselle'e; akka ani ajaja keeti baradhu, qalbeeffata naaf kenni.
PSA 119:74 Ani jecha keetitti addii waan godhadheef, worri si sodaatu yennaa na dhaggu hin gammada.
PSA 119:75 Ee Mootii Waan Maraa, muraan teeti dhugaa akka teete, ani hin beeka; ati addatamumma'aan na adadde.
PSA 119:76 Akkuma ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti, jaalalli keeti ka bara baraa na jajjabeessuu ti.
PSA 119:77 Seerri keeti waan na gammachiisuuf, akka le'uuf, marartiin teeti naaf dhuttuu ti.
PSA 119:78 Worri koorameeyyiin dharaan waan na himatanuuf, qaanowanuu ti. Ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada.
PSA 119:79 Worri si sodaatuu, worri ajaja keeti beeku, gara kiyya deebi'uu ti.
PSA 119:80 Akka ani hin qaanonneef, gadhaan kiyya seera keetitti komii hin qabaatin.
PSA 119:81 Lubbuun tiyya fayyisiisa keeti dharra'iisaan gaggaddi; ani ammoo jecha keetitti addii godhadha.
PSA 119:82 Ilti tiyya dubbii teeti eegatiisaan dadhaddi; ani, «Yoom na jajjabeessita?» jedhee gaafadha.
PSA 119:83 Ani akka qalqalluu daadhii woyni'ii ka aara keessaa shuntuuradhulle, seera keeti hin dedhu.
PSA 119:84 Ani tajaajilaan keeti haga yoomii le'inna laati? Ati worra na miidhutti yoom murta?
PSA 119:85 Worri koorameeyyiin seera keetiif hin ajajanne, boolla naaf qotane.
PSA 119:86 Ajaji keeti martinuu addatama'a; namooti sababa malee waan na miidhanuuf, ati na qarqaar.
PSA 119:87 Isaan diqquma lafa irraa na hin balleessin hafane; ani ammoo ajaja keeti hin lakkinne.
PSA 119:88 Akka ani ajaja keeti eegadhu, jaalala keeti bara baraatiin, jiruu naa kenni.
PSA 119:89 Ee Mootii Waan Maraa, jechi keeti haga bara baraa, ol-gubbaa keessatti jabaatee jiraata.
PSA 119:90 Addatamummaan teeti dhalootaa irraa haga dhaloota maraatitti hin jiraatti; ati lafa daddeerta; isiille jabaattee jiraatti.
PSA 119:91 Wonni martinuu tajaajiltoota teeti waan teeteef, ajaja keetiin haga adhaa jabaattee jiraatti.
PSA 119:92 Seerri keeti adoo na hin gammachiinne teete, rakkinna kiyyaan silaa ani badeeraayyu.
PSA 119:93 Ati seera keetiin jiruu waan naa kenniteef, ani ijjumaa seera keeti hin dedhu.
PSA 119:94 Ani seera keeti waan barbaaduuf, ani keeti; na hamburi.
PSA 119:95 Worri hamaaleyyiin na ijjeesiisaaf na gaadan; ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada.
PSA 119:96 Wonni dhidhinna hin qanne marti meessaa akka qaddu dhaggeera; ajaji keeti ammoo meessaa hin qabu.
PSA 119:97 Ani attam attam seera keeti jaaladha! Ani guyyaa guutuu itti deddeebi'ee isa yaada.
PSA 119:98 Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf, diinota kiyya caalaa qaroo na godha.
PSA 119:99 Ani seera keeti itti deddeebi'ee waan yaaduuf, barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba.
PSA 119:100 Ani seera keeti waan muummessuuf, maanguddoota caalaa hubantii qaba.
PSA 119:101 Ani jecha keeti eegatiisaaf, miila kiyya karaa hamaa mara irraa eegadheera.
PSA 119:102 Ati waan na barsiitteef, ani seera keeti irraa hin gorre.
PSA 119:103 Jechi keeti arraba kiyyatti attam attam mi'owa! Afaan kiyya keessatti damma caalaa mi'owa.
PSA 119:104 Ani seera keeti irraa hubantii dhaggadheera; tanaaf karaa dharaa mara hin jibba.
PSA 119:105 Jechi keeti miila kiyyaaf issa'a; daandii tiyyaafille ifa.
PSA 119:106 Seera keeti balchicha hordofiisaaf, kakadheera; ittille hin jabaadha.
PSA 119:107 Ani guddoo rakkadheera; ee Mootii Waan Maraa, akka jecha keetiititti jiruu naa kenni.
PSA 119:108 Ee Mootii Waan Maraa, leellisa fedhii tiyyaan sii dhikeessu fudhadhu; seera keetille na barsiisi.
PSA 119:109 Lubbuun tiyya yennaa mara balaa bira jirti; ammoo ani seera keeti hin dedhu.
PSA 119:110 Worri hamaan tiyyoo naaf afe; ani ammoo seera keeti irraa hin gorre.
PSA 119:111 Seerri keeti haga bara baraa dhaala kiyya waan te'eef, gammadi gadhaa kiyyaa isa.
PSA 119:112 Ani haga du'utti, bara baraan seera keeti muummessiisaaf murteeffadheera.
PSA 119:113 Ani worra yaada lamaa jibbe; seera keeti ammoo jaaladhe.
PSA 119:114 Ati addee ani itti dhokadhu; wontee tiyyalle'e. Ani jecha keetitti addii godhadha.
PSA 119:115 Akka ani ajaja Waaqa kiyyaa eegadhu, isin worri waan hantuu hujjanu na irraa fagaadha'a.
PSA 119:116 Akka ani jiru'uun le'u, akka jecha waadaa keetiititti na jabeessi; addii tiyyaan ani hin qaanowin.
PSA 119:117 Akka ani bayu ati na qabi; ani yennaa mara seera keetitti xiyyeeffadha.
PSA 119:118 Malli soba isaanii bu'aa waan hin qanneef, ati worra seera keeti irraa goru mara hin fugussita.
PSA 119:119 Worra hamaa lafa irraa mara ati akka solloqqee sibiilaa hin gatta; tanaaf, ani seera keeti hin jaaladha.
PSA 119:120 Foon kiyya si sodaatee hollate; ani muraa teeti guddoo sodaadhe.
PSA 119:121 Ani waan dhuga'aatii fi haqaa hujeera; ati worra na cunqursuuf na hin lakkisin.
PSA 119:122 Ani tajaajilaan keeti waan dansaa akka dhaggadhu wobii naa te'i; worri koorameeyyiin akka na cunqursu hin lakkisin.
PSA 119:123 Fayyisiisa keetii fi waadaa keeti balchaa san eegatiisaan, ilti tiyya dadhadde.
PSA 119:124 Akka jaalala keeti ka bara baraatitti, ana tajaajilaa keeti qabadhu; seera keetille na barsiisi.
PSA 119:125 Ani tajaajilaa keeti; akka ani seera keeti beeku, hubantii naaf kenni.
PSA 119:126 Ee Mootii Waan Maraa, kolbaan seera keeti waan cassiteef, yennaan ati waan tokko hujju amma.
PSA 119:127 Ani worqii caalaa, worqii qullittii caalaa, ajaja keeti jaaladha.
PSA 119:128 Tanaaf ajaji keeti martinuu, dhugaa akka te'e hin fudhadha; karaa dharaa mara jibba.
PSA 119:129 Seerri keeti maade'e; tanaaf lubbuun tiyya isaaf ajajanti.
PSA 119:130 Hiiki jecha keetii ifa kenna; worra wollaala'aaf hubantii kenna.
PSA 119:131 Ani ajaja keeti waan halcheef, afaan banee eegadha.
PSA 119:132 Akkuma worra maqaa keeti jaalatuuf gootu, gara kiyya deebi'iitii, naa marari.
PSA 119:133 Akka jecha keetiititti ideensa kiyya sooressi; cubbuun akka na mootu hin lakkisin.
PSA 119:134 Akka ani ajaja keeti eegadhu, cunqursaa namaa jalaa na wodi.
PSA 119:135 Ana tajaajilaa keetitti fuula ifi; seera keetille na barsiisi.
PSA 119:136 Seerri keeti waan hin eegaminiif, imimmaan ila tiyya keessaa akka bisaanii yaati.
PSA 119:137 Ee Mootii Waan Maraa, ati balcha'a; muraan teetille dhuga'a.
PSA 119:138 Ati balchumma'aa fi addatamummaa guutu'uun, seera keeti baacheerta.
PSA 119:139 Diinoti kiyya jecha keeti waan dedhaneef, hinaaffaan tiyya na laalessite.
PSA 119:140 Jechi keeti guddoo qulqullicha; ani tajaajilaan keetille isa jaaladha.
PSA 119:141 Ani nama diqqaa tuffatama'a; te'ulle ajaja keeti hin deenne.
PSA 119:142 Balchummaan teeti balchummaa haga bara baraa ti; seerri keetille dhuga'a.
PSA 119:143 Rakkinnii fi farri na dhaqqabeera; ajaji keeti ammoo na gammachiisa.
PSA 119:144 Ajaji keeti haga bara baraa dhuga'a; akka ani jiru'uun le'u hubantii naaf kenni.
PSA 119:145 Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan gara keeti iyya. Ati deebii naaf kenni; anille seera keeti hin eegadha.
PSA 119:146 Ani gara keeti iyya; na baasi; anille seera keeti hin eegadha.
PSA 119:147 Ani adoo boruun hin dayya'in ka'ee, qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya; jecha keetitti addii godhadha.
PSA 119:148 Jecha keeti itti deddeebi'ee yaadiisaaf, ani halkan guutuu ila wolitti hin qabanne.
PSA 119:149 Akka marartii teetiititti qoonqoo tiyya dhage'i; Ee Mootii Waan Maraa, akka seera keetiititti lubbuu tiyya hamburi.
PSA 119:150 Worri mala hamaa baafatanee na miidhanu, natti dhikaataneeran; ammoo seera keeti irraa fagaataneeran.
PSA 119:151 Ee Mootii Waan Maraa, ati dhikoo jirta; ajaji keeti marti dhuga'a.
PSA 119:152 Bara baraan akka jiraatuuf, akka ati seera keeti baache, yennaa dheertu'uun dura seera keeti irraa baradheera.
PSA 119:153 Ani seera keeti waan hin dedhiniif, ati rakkinna kiyya ilaaliitii na baasi.
PSA 119:154 Haajaa kiyya naaf falmiitii, na wodi. Akka waadaa keetiititti lubbuu tiyya hamburi.
PSA 119:155 Worri hamaan seera keeti waan hin barbaanneef, fayyinni isaan irraa fagaateera.
PSA 119:156 Ee Mootii Waan Maraa, marartiin teeti guddo'o; akka seera keetiititti lubbuu tiyya hamburi.
PSA 119:157 Worri na miidhuu fi diinoti kiyya heddu'u; ani ammoo seera keeti irraa hin gorre.
PSA 119:158 Worri hin addatanne jecha keetii waan hin eeganneef, ani isaan ilaalee diqadhe.
PSA 119:159 Ajaja keeti attam akka ani jaaladhu ilaali; Ee Mootii Waan Maraa, akka marartii teetiititti, lubbuu tiyya hamburi.
PSA 119:160 Jechi keeti martinuu dhuga'a. Seerri keeti balchichi martinuu ka haga bara baraa ti.
PSA 119:161 Qondaaltoti sababa malee na miidhan; ani ammoo gadhaa sodaatuun jecha keeti ulfeessa.
PSA 119:162 Akka nama boojuu guddoo dhaggatee, ani jecha keetitti gammada.
PSA 119:163 Ani dhara jibba; hin diqadhalle'e; seera keeti ammoo hin jaaladha.
PSA 119:164 Seera keeti balchaa saniif, guyya'atti yennaa torba ani si leellisa.
PSA 119:165 Worri seera keeti jaalatu nageya guddaa qaban; wonni isaan dande'ee gufachiisulle hin jiru.
PSA 119:166 Ee Mootii Waan Maraa, ani addi'iin fayyisiisa keeti eegadha; ajaja keetille hin muummessa.
PSA 119:167 Lubbuun tiyya seera keeti hin eegatti; anille guddisee seera san jaaladha.
PSA 119:168 Hujiin tiyya martinuu si duratti ifa waan teeteef, ani ajaja keetii fi seera keeti hin eegadha.
PSA 119:169 Ee Mootii Waan Maraa, iyyi tiyya si bira geettuu ti; akka jecha keetiititti hubantii naaf kenni.
PSA 119:170 Gaaffiin tiyya si bira geettuu ti; akka waadaa keetiititti na baasi.
PSA 119:171 Ati seera keeti waan na barsiittuuf, afaan kiyya leellisa hin dhangalaasa.
PSA 119:172 Seerri keeti marti balchaa waan te'eef, arrabi kiyya marroo waadaa keetii faarsuu ti.
PSA 119:173 Ani ajaja keeti waan filadheef, harki keeti na qarqaariisaaf qophowuu ti.
PSA 119:174 Ee Mootii Waan Maraa, ani fayyisiisa keeti halcha; seerri keetille gammada kiyya.
PSA 119:175 Akka si leellisuuf ani lubbuu jiraadhuu ti; seerri keeti na qarqaaruu ti.
PSA 119:176 Ani akka hoolee baddee karaa irraa goreera; ani seera keeti waan hin dedhiniif, ati ana tajaajilaa keeti barbaadi.
PSA 120:1 Rakkinna kiyya keessatti ani gara Mootii Waan Maraa iyye; innille deebii naaf kenne.
PSA 120:2 Ee Mootii Waan Maraa, worra dhara dubbatuu fi soba dubbatu jalaa na baasi.
PSA 120:3 Ee isin worra dhara dubbatu, Waaqi maan isin godha laati? Inni attam isin adaba laati?
PSA 120:4 Daaya loltootaa ka qara qabuun, kashila ibiddaa ka muka dhaddachaatiin isin adaba.
PSA 120:5 Ana ka lafa worra Mesheekiititti galee, dunkaanii worra Qedaarii keessa le'uuf aanne'e!
PSA 120:6 Worra nageya jibbu san odduu, ani yennaa hedduu le'e.
PSA 120:7 Ani nama nageyaa ti; yennaa ani marroo nageyaa dubbadhu ammoo, isaan lolaaf ka'an.
PSA 121:1 Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale; qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?
PSA 121:2 Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba'aa fi lafa dade, Mootii Waan Maraa biraa dhufa.
PSA 121:3 Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu; ka si eegu hin mugu.
PSA 121:4 Dhugumaan, ka Israa'el eegu hin mugu; hin rafulle'e.
PSA 121:5 Mootiin Waan Maraa si eega; Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti; inni midda keeti jira.
PSA 121:6 Guyyaa aduun, halkan jiin si hin miidhu.
PSA 121:7 Mootiin Waan Maraa Waan hantuu mara irraa si eega; inni jiruu teeti hin eega.
PSA 121:8 Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.
PSA 122:1 «Gara mana Mootii Waan Maraa dhandha!» yennaa isaan naan jedhane ani gammade.
PSA 122:2 Ee Yerusaalem, miilli keenna, karra teeti keessa dhaabbateera.
PSA 122:3 Yerusaalem qachaa wolitti hiiqee jabeeffamee ijaarameeru.
PSA 122:4 Akkuma ajaja Israa'eliif kennameetitti, achitti maqaa Mootii Waan Maraa leellisiisaaf, gosi Mootii Waan Maraa ol bayan.
PSA 122:5 Achitti moototi sanyii Daawitii kolbaa bulchiisaaf, barcumaa mootumma'aa dhaabbatane.
PSA 122:6 Nageya Yerusaalemiitiif daadimadha'a: «Worri isii jaalatu milkowuu ti.
PSA 122:7 Dalleya isi'ii keessa nageenni, mana mootumma'aa ta isi'ii keessa sarmiis jiraatuu ti» jedha'a.
PSA 122:8 Ani sababa firootaa fi jaalota kiyyaatiif, «Nageenni si keessa jiraatuu ti» hin jedha.
PSA 122:9 Sababa mana Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiif, ani waan dansaa si'iif hin halcha.
PSA 123:1 Mootii Waan Maraa, ilti tiyya gara keeti, ol gubbaa ka barcumaan mootumma'aa keeti irra jiruu, ol ilaalti.
PSA 123:2 Akkuma ilti garbootaa gara harka goottaa ifii, ilti garbitti'ii gara harka giittii ifii ilaaltu, haga ati marartii nutti mudhittutti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ilti teennalle gara keeti ilaalti.
PSA 123:3 Ee Mootii Waan Maraa, waan akka malee tuffatanneef, nuu marari! Nuu Marari!
PSA 123:4 Murgoon worra qanani'ii, tuffiin worra koorameeyyi'ii akka malee nutti bacatteerti.
PSA 124:1 Mootiin Waan Maraa nu woliin adoo jiraatuu dhabaatee, Israa'el,
PSA 124:2 «Yennaa diinoti keenna nu lolanu, Mootiin Waan Maraa adoo nu woliin jiraatuu dhabaatee,
PSA 124:3 yennaa aariin isaanii nu irratti bobeette san, silaa adoo jirruu nu liqinsaniiyyu;
PSA 124:4 silaa bisaan nu haxowee dabaraayyu; lolaan nu irra garagalaayyu;
PSA 124:5 silaa bisaan hamaan nu irra yaa'aayyu» jettuu ti.
PSA 124:6 Ilkaan isaanii akka nu kukkutatu ka nu hin lakkisin, Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.
PSA 124:7 Akka sinbirrooti tiyyoo worra adansuu jalaa baatu, nuutille tiyyoo isaanii jalaa baane; tiyyoon ciccitte; nuutille jalaa baane.
PSA 124:8 Maqaa Mootii Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa dadeen, nuuti qarqaarsa dhagganne.
PSA 125:1 Worri Mootii Waan Maraatitti addatu akka gaara Xiyoonii, ka ijjumaa hin tachoone, ka haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti.
PSA 125:2 Akkuma gaaroti Yerusaalem marsaneeranu, ammaa jalqabee haga bara baraa, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii hin marsa.
PSA 125:3 Worri hamaan lafa worra balchoole'ee hin bulchanu; yoo bulchane, kolbaan balchaan waan hantuu hujiisaaf harka diriirfatti.
PSA 125:4 Ee Mootii Waan Maraa, worra dansaa te'eef, worra gadhaa ifii keessatti qajeelaa te'eefille dansaa godhi.
PSA 125:5 Ammoo, Mootiin Waan Maraa worra waan hantuu huju, worra karaa dabaalessa ifii gula deebi'e woliin hin gata. Nageenni Israa'eliif te'uu ti.
PSA 126:1 Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu keessaa gara Xiyoonii nu deebise, oojjuu nutti fakkaatte.
PSA 126:2 Afaan keenna kollaan, arrabi keenna ililleetti'iin guutame. Achiin duuba gosa biyya adda addaa oddu'utti, «Mootiin Waan Maraa waan guddoo isaaniif tolche» jedhante.
PSA 126:3 Mootiin Waan Maraa, waan guddoo nuuf godheera; nuutille gammanne.
PSA 126:4 Ee Mootii Waan Maraa, Goomolee kibba Kana'aaniitiif akkuma bisaan deebittu, akka dur jirrutti nu deebisi.
PSA 126:5 Worri imimmaan dhangalaasaa facaasane, ilillisaa haammatan.
PSA 126:6 Worri sanyii facaasiisaaf, ba'atanee bowaa deemanu, laddee ba'atanee ilillisaa hin deebi'an.
PSA 127:1 Mootiin Waan Maraa mana yoo hin ijaarin, worri mana ijaaru akkasumaan itti elowan; Mootiin Waan Maraa qachaa yoo hin eegin, eeddoti qacha'aa akkasumaan elowan.
PSA 127:2 Mootiin Waan Maraa worra jaalatuuf foora waan kennuuf, bari'iin ka'iis, turanee rafiis, bu'aa hin qabu.
PSA 127:3 Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti; midhaan gadaamessaa, eebba isaa ti.
PSA 127:4 Ilmaan dargaggumma'aan uumatanu, akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.
PSA 127:5 Nami ilmaan akka daayaa mana guutate gammaduu ti; diinota ifii woliin karra qacha'aa keessatti yennaa wol falme, inni hin qaanowu.
PSA 128:1 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti, ka karaa isaa ideemu ka gammade.
PSA 128:2 Waan harka keetiin eloottee dhaggatte hin nyaatta; ati hin gammadda; hin milkoottalle'e.
PSA 128:3 Niitiin teeti mana keeti keessatti, akka muka woyni'ii ka midhaan buusuu hin teeti; ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti, akka lattuu muka ejersaa hin teeti.
PSA 128:4 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu akkana hin eebbifama.
PSA 128:5 Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irraa si eebbisuu ti; bara jiruu teetii mara, qananummaa Yerusaalemii dhaggi.
PSA 128:6 Ijoollee ijoollee teetii dhaggi; Nageenni Israa'eliif te'uu ti.
PSA 129:1 Kolbaan Israa'elii, «Dargaggummaa tiyyaa jalqabanee, diinoti guddoo na rakkisaneeran;
PSA 129:2 «Isaan dargaggummaa tiyyaa jalqabanee, guddoo na rakkisaneeran; te'uu malee na hin injifanne.
PSA 129:3 Akka nama fichaa qotuu dudda kiyya babbassanee, babadhisanee dudda kiyya madeessane.
PSA 129:4 Mootiin Waan Maraa ammoo balcha'a; inni wodaroo worra hama'aa na irraa kuteera» jettuu ti.
PSA 129:5 Worri Xiyoon jibbu martinuu qaanowanee, gara duubaa deebi'uu ti.
PSA 129:6 Akka marra mana irratti latee, adoo hin guddatin qooruu te'anuu ti;
PSA 129:7 marri sun qabaa harka nama isa haamuu, yookiin hanqafoo isaa hin guutu.
PSA 129:8 Worri achiin dabaru, «Eebbi Mootiin Waan Maraa isiniif te'uu ti! Nuuti maqaa Mootii Waan Maraatiin isin eebbinna!» isaaniin hin jedhin.
PSA 130:1 Ee Mootii Waan Maan Maraa, ani qilee keessaa gara keeti iyya;
PSA 130:2 Ee Gootta'a, qoonqoo tiyya naaf dhage'i! Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti.
PSA 130:3 Ee Mootii Waan Maraa, ati adoo yakkaa namatti laakkottee, ee Gootta'a silaa eennutti si dura dhaabbatuu dande'a?
PSA 130:4 Ammoo akka nuuti si sodaannuuf, ati nu'uuf araaranta.
PSA 130:5 Ani Mootii Waan Maraa eegadha; Lubbuun tiyyalle hin eegatti; addi'iin jecha isaa eegadha.
PSA 130:6 Eeddota bari'iisa eegatanu caalaa, ee, eeddota bari'iisa eegatanu caalaa, lubbuun tiyya Goottaa eegatti.
PSA 130:7 Jaalalli bara baraa Mootii Waan Maraa bira waan jiruuf, wodiisaaf hunni guddoolle isa bira waan jirtuuf, ee Israa'el, Mootii Waan Maraatitti addii godhadhu.
PSA 130:8 Inni yakkaa isi'ii mara irraa Israa'el hin woda.
PSA 131:1 Ee Mootii Waan Maraa, gadhaan kiyya hin kooru; mataa hin dhaabu; waan gugurdoo, yookiin waan baasaa hin huju.
PSA 131:2 Akka annuu harma irraa guutee haadha woliin jirtuu, ani lubbuu tiyya sarmisiisee cadhisiise; akka annuu harma irraa guutee, lubbuun tiyya na keessatti cadhitte.
PSA 131:3 Ee kolbaa Israa'elii, ammaa jalqabiitii haga bara baraatitti, Mootii Waan Maraatitti addii godhadhu.
PSA 132:1 Ee Mootii Waan Maraa, Daawitii fi farra inni dhagge qaabadhu.
PSA 132:2 Inni Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatee, Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif waadaa galee,
PSA 132:3 «Haga Mootii Waan Maraatiif addee qopheessutti, Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif haga mana ijaarutti, mana kiyya hin seenu; yookiin gara taqee tiyyaa hin dhaqu. Ani hin rafu; yookiin hin mugu» jedhe.
PSA 132:6 Nuuti Efraata'atti marroo Saanduqa Gondooro'oo dhageenne; diida Yaa'ariititti isii dhaggine.
PSA 132:7 Kowa'a, gara addee Mootiin Waan Maraa le'uu dhandhaa! Ejjeta miila isaa jalatti isaaf sagannaa.
PSA 132:8 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i! Saanduqa Gondooro'oo ka hunna teeti mudhisu woliin, gara addee foora keetii dhaqi.
PSA 132:9 Hayyooti teeti balchummaa uffatanuu ti; Addatantooti teetille ilillisaa faarsanuu ti.
PSA 132:10 Tajaajilaa keeti Daawitiif jedhiitii, nama muudde hin lakkisin.
PSA 132:11 Mootiin Waan Maraa kakuu dhuga'aa ta hin jijjiirane, Daawitiif kakatee, «Ilmaanuma sanyii teetii keessaa tokkocha, ani barcumaa mootumma'aa keeti irra hin teessisa.
PSA 132:12 Ilmaan teeti Gondooroo tiyya yoo eegatane, ajaja ani isaan barassiisu yoo eegatane, ilmaan isaaniille haga bara baraa barcumaa mootumma'aa keeti irra hin tee'an» jedheera.
PSA 132:13 Mootiin Waan Maraa Xiyoon waan filateef, qe'ee ifii godhatiisaaf fedheera:
PSA 132:14 Inni, «Tun haga bara baraa addee foora kiyyaa ti; ani waan isii jaaladheef, addee le'u isii hin godhadha.
PSA 132:15 Waan nyaataatiin baceessee isii hin eebbisa; hiyyeeyyii isi'ii sagalee hin quussa.
PSA 132:16 Hayyoota isi'ii fayyinna itti hin uffisa; addatantooti isi'iille ilillisaa hin faarsan.
PSA 132:17 Maatii Daawitii keessaa mootii hin muuda; ka muude saniif akka inni bulchu karaa hin qopheessa.
PSA 132:18 Diinota isaa qaanii itti hin uffisa; kallachi isa irraa ammoo hin balaqqisa» jedheera.
PSA 133:1 Kolbaan Waaqaa tokkumma'aan yennaa woliin leetu, attam attam dansa'a; attam attam nama gammachiisa!
PSA 133:2 Tokkummaan tun akka zayitii ejersaa ta gatii guddo'oo ta mataa irraa areeda irra gad yaatu, areeda Aaronii irra, haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti.
PSA 133:3 Tokkummaan tun akka fixeensa gaara Hermoonii, ka gaarota Xiyoonii irratti bu'uu ti; eebbi jiruu bara baraa achi irratti akka dhaggamu Mootiin Waan Maraa ajajeera.
PSA 134:1 Isin tajaajiltooti Mootii Waan Maraa marti, worri halkan Galma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltanu, Mootii Waan Maraa leellisa'a!
PSA 134:2 Addee Woyyittii keessatti harka keessan ol kaasa'aa, Mootii Waan Maraa leellisa'a!
PSA 134:3 Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa dade, Xiyoon keessaa isin eebbisu ti!
PSA 135:1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! Maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa, isa leellisa'a!
PSA 135:2 Isin worri mana Mootii Waan Maraa keessaa fi badhinna mana Waaqa keennaa keessa tajaajiltanu isa leellisa'a.
PSA 135:3 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, isa leellisa'a! Maqaan isaa gammachiisaa waan te'eef, faaru'uun leellisa'a!
PSA 135:4 Mootiin Waan Maraa Yaaqoob ifiif, Israa'el qabeenna ifii ka addaa godhee filateera.
PSA 135:5 Mootiin Waan Maraa guddaa akka te'e, Goottaan keenna waaqota mara akka caalu ani hin beeka.
PSA 135:6 Ol-gubbaa keessaa fi lafa irratti, abbaaya'aa fi qilee isi'ii mara keessatti, Mootiin Waan Maraa waan fedhe mara godha.
PSA 135:7 Inni duumensa qaccee lafaatii kaasee fida; bokkeya woliin balaqqeettii, mana kuusaa ifii keessaa qilleensa fida.
PSA 135:8 Inni angafa ilmaan namaatii fi hori'ii ka biyya Gibxi'ii fixe.
PSA 135:9 Ee biyya Gibxi'ii, inni si keessatti Fara'oonii fi tajaajiltoota isaa mara irratti, bilbaasaa fi waan maade'ee huje.
PSA 135:10 Inni gosa biyya adda addaa hedduu gad dhowee, mootota hunnaameyyii,
PSA 135:11 mootii Amoorotaa Sihoon, mootii biyya Baashaanii Oog, mootummoota Kana'aanii mara ijjeese.
PSA 135:12 Lafa isaaniille akka dhaalaatitti, kolbaa ifii Israa'eliif dhaala kenne.
PSA 135:13 Ee Mootii Waan Maraa, maqaan keeti haga bara baraa jiraata; Ee Mootii Waan Maraa, dhaloota mara keessatti hin qaabatanta.
PSA 135:14 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif muraa hin kenna; tajaajiltoota ifiitiifille marartii hin qaba.
PSA 135:15 Waaqoti dharaa ka gosa biyya adda addaa worqi'ii fi meetii, harka namaatiin hujamane.
PSA 135:16 Isaan afaan qaban malee, hin dubbatanu; ila qaban malee, hin dhagganu.
PSA 135:17 Isaan gurra qaban malee, hin dhage'anu; afaan isaanii keessalle hafuurri hin jiru.
PSA 135:18 Worri isaan hujuu fi isaanitti dhugeeffatu martinuu, akkuma isaanii jiran.
PSA 135:19 Ee kolbaa Israa'elii, Mootii Waan Maraa leellisa'a! Ee hayyoota sanyii Aaronii, Mootii Waan Maraa leellisa'a!
PSA 135:20 Sanyii Lewwootaa, Mootii Waan Maraa leellisa'a! Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu, Mootii Waan Maraa leellisa'a!
PSA 135:21 Mootiin Waan Maraa ka Yerusaalem keessa le'u, Xiyoon keessatti leellifamuu ti! Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 136:1 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef, isa galateeffadha'a; jaalalli isa ka bara baraa ti.
PSA 136:2 Waaqa waaqotaa galateeffadha'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:3 Goottaa goottotaa galateeffadha'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:4 Ka qofuu baasa guddaa huju, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:5 Ka qarummaa ifiitiin ol-gubbaa dade, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:6 Ka lafa bisaan gubbaa diriirse, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:7 Ka ifa gugurdaa huje, jaalalli isaa haga bara baraa jiraata.
PSA 136:8 Ka aduun guyyaa baallii akka qabaattu godhe, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:9 Ka Ji'aa fi urjooti halkan akka baallii qabaatanu godhe, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:10 Ka angafoota ilmaan worra Gibxi'ii ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:11 Ka Israa'eloota Gibxii keessaa baase, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:12 Ka hunna ifii guddo'oo fi jabeenna ifiitiin tana godhe, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:13 Ka abbaayaa diintuu gargar kute, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:14 Ka kolbaan Israa'elii odduu isi'ii akka dabartu godhe, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:15 Fara'oonii fi loltoota isaa ammoo abbaayaa diintuu keessatti ka fixe; jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:16 Ka goomolee keessa kolbaa ifii sooresse, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:17 Ka mootota gugurdoo ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:18 Ka mootota hunnaameyyii ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:19 Ka mootii worra Amoorotaa, Sihoon ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:20 Ka mootii Baashaanii, Oog ijjeese, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:21 Ka lafa isaanii dhaala godhee Israa'elootaaf kenne, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:22 Israa'eloota tajaajiltoota ifiitiif ka dhaalchise, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:23 Ka injifatama keenna keessatti nu qaabate, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:24 Ka diinota keenna jalaa nu baase, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:25 Ka dada maraaf sagalee kennu, jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 136:26 Waaqa ol-gubba'aa galateeffadha'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti.
PSA 137:1 Nuuti laga Baabilonii bira teennee, yennaa Xiyoon qaabanne boonne.
PSA 137:2 Muka olaati'ii irratti kiraarota keenna gugurdaa san fafanninne.
PSA 137:3 Worri booji'ee nu farrisiisu, achitti faaruu isaan gammachiittu akka faarsinu nu gaafatanee, «Faaruu marroo Xiyoonii keessaa takkattii faarsa'a» jedhane.
PSA 137:4 Lafa ormaa keessatti, nuuti attam faaruu Mootii Waan Maraa faarsuu dandeenna ree?
PSA 137:5 Ee Yerusaalem, yoo ani si dedhe, harki kiyya middichi ogummaa ifii dedhuu ti.
PSA 137:6 Yerusaalem, ani yoo si hin qaabatin, waan itti gammadu mara yoo si hin caalchisin, arrabi kiyya laagadaa kiyyatti goguu ti.
PSA 137:7 Ee Mootii Waan Maraa, guyyaa Yerusaalem diigante, worri Edoomii, «Diiga'a! Diiga'a! Haga hundee isi'iititti gad jissa'a!» attam akka isaan jedhane qaabadhu.
PSA 137:8 Ee Baabilonii diigantu! Waan ati nu irratti goote, ka deebisee si irratti godhu ka gammade.
PSA 137:9 Ka daa'immaan teeti qabee, rassaa irratti macalaasu ka gammade.
PSA 138:1 Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha; waaqota duratti ani faaru'uun si leellisa.
PSA 138:2 Ani gara Galma keeti woyyichaa fuula galee sagada; jaalala keeti ka bara baraatii fi addatamummaa keetiifille, maqaa keetii fi jecha keeti waan mara caalaa waan saaddeef, ani maqaa keeti leellisa.
PSA 138:3 Yennaa ani si waame, ati deebii naaf kennite; ati na jabeessitee, lubbuun tiyya hunna horatte.
PSA 138:4 Ee Mootii Waan Maraa, jecha afaan keetii yennaa dhage'ane, moototi lafaa martinuu si leellisan.
PSA 138:5 Ulfinni Mootii Waan Maraa guddaa waan te'eef, isaan marroo karaa isaa hin faarfatan.
PSA 138:6 Mootiin Waan Maraa ol aanaa te'ulle, inni worra gad aanaa hin ilaala; worra kooru ammoo fago'otti beeka.
PSA 138:7 Ani rakkinna keessa yoo ideemelle, ati jiruu tiyya hin eedda; ati harka keeti diriirsitee, mufii diinota kiyyaa mormita; harka keeti middichaan na hin baacha.
PSA 138:8 Mootii Waan Maraa, ati yaada keeti mara naaf hin muummessita; ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa ti; hujii harka keetii ati hin lakkisin.
PSA 139:1 Ee Mootii Waan Maraa, ati qorqortee na beetteerta.
PSA 139:2 Ati teessoo tiyyaa fi ka'a tiyya hin beetta; yaada kiyya fago'ottuu hubatta.
PSA 139:3 Addee ani deemu fi itti foorfadhu hubattee beetta; ati hujii tiyya mara hin beetta.
PSA 139:4 Adoo dubbiin afaan kiyyaa hin bayin, ee Mootii Waan Maraa, ati dubbii san maraayyuu hin beetta.
PSA 139:5 Ati duraa fi duuba kiyya harka keeti ana irra qaddeerta.
PSA 139:6 Beekkumsi akkasii akka malee naaf baasa; akka malee hubantii tiyyaan ol.
PSA 139:7 Ayyaana keeti duraa eessa deemuu dande'a? Fuula keeti duraa eessa baqatuu dande'a?
PSA 139:8 Gara ol-gubba'aa yoo ol baye, ati achi jiraata; addee worri du'e jiru keessa yoo irkadhelle, ati achi jirta.
PSA 139:9 Ani koola baasee akka dayya'a boru'uu ka'ee, gara seensuma adu'uutitti yoo qubadhe,
PSA 139:10 silaa achille'etti harki keeti na hin sooressa; harki keeti middichi jabeessee na qabaayyu.
PSA 139:11 Ani, «Dukkanti dhugumaan na hin golliti; ifi adaala kiyyaalle halkan hin te'a!» yoo jedhe,
PSA 139:12 dukkantinuu sitti hin dukkanoottu; si'iif dukkanti akka ifaa waan teeteef, halkan akka guyya'aa ifa.
PSA 139:13 Keessa namummaa tiyyaa ka dade si'i; gadaamessa haadha tiyyaa keessatti sittuu na dade.
PSA 139:14 Ani baasa maso'oo te'ee waan dadameef, ani si leellisa; hujiin teeti waan maade'ee ti; anille tana miidhassee beeka.
PSA 139:15 Ani yennaa addee dhossa'aatitti dadame, qilee gadaamessaa keessatti dadame; lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
PSA 139:16 Gadhaa haadha tiyyaa keessatti, adoo ani dhiigaatuu, ilti teeti na dhaggite; dhaladhee barri jiruu tiyyaa laakkowamiisa adoo hin jalqabin, guyyooti naaf yaadamane marti kitaaba keeti keessatti barreeffamane.
PSA 139:17 Ee Waaqa, yaadi keeti hubatiisaaf attam attam natti ulfaata! Guutumatti attam attam bacata!
PSA 139:18 Ani laakkowiisaaf yoo wodhaane, maansa caala hin bacata; ani yennaa dammaqu, ammalle sima woliin jira.
PSA 139:19 Ee Waaqa, nama hamaa adoo ijjeettee! Isin worri dhiiga namaa dhangalaasu na irraa fagaadha'a!
PSA 139:20 Isaan hammeennaan marroo teeti dubbatan; diinoti keeti akkasumaan maqaa keeti kaasan.
PSA 139:21 Ee Mootii Waan Maraa, ani worra si jibbu hin jibba; worra si irratti ka'ulle ani hin diqadha.
PSA 139:22 Ani ijjumaa isaan jibba; isaan diinota natti te'aneeran.
PSA 139:23 Ee Waaqa, qorqoriitii gadhaa kiyya beeki; haga na ilaaliitii yaaddoo tiyya beeki.
PSA 139:24 Hammeenni yoo na keessa jiraate ilaali! Karaa bara baraa irra na sooressi.
PSA 140:1 Ee Mootii Waan Maraa, namoota hamaa jalaa na baasi; worra hunnaan nama irratti ka'u na irraa eegi.
PSA 140:2 Isaan waan hantuu qalbii ifii keessatti yaadan; yennaa mara lola kaasan.
PSA 140:3 Isaan arraba ifiitiin akka dhudhuufa'aa nama iddan; hidhii isaanii jala hadhaa buuti'iititti jira.
PSA 140:4 Ee Mootii Waan Maraa, harka worra hama'aa irraa na eegi; worra hunnaan nama irratti ka'u, ka miila kiyya qaxafiisaaf mala dhowanu irraa na eegi.
PSA 140:5 Worri kooru fonxoroo naaf afe; isaan wodaroo caccoo ifii diriirsane; tiyyoo karaa irratti naaf keyane.
PSA 140:6 Ee Mootii Waan Maraa, ani si'iin, «Ati Waaqa kiyya» jedha; ee Mootii Waan Maraa, iyya tiyya dhage'i.
PSA 140:7 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa kiyya, jabaa na baachu; ati guyyaa lolaa mataa kiyya golliteerta.
PSA 140:8 Ee Mootii Waan Maraa, fedhii nama hama'aa hin muummessiniif; mala dhowelle hin milkeessiniif.
PSA 140:9 Worra na marsee mataa togu, sababi afaan isaanii isaanuma irratti garagaluu ti.
PSA 140:10 Kashilli ibiddaa isaan irra bu'uu ti; ibiddatti yookiin, boolla deebi'anee keessaa hin baane, keessatti gatamanuu ti.
PSA 140:11 Nami maqaa namaa balleessu biyya keessatti hin qubatin! Ka hunnaan nama irratti ka'ulle wonni hantuun isa adansituu ti.
PSA 140:12 Mootiin Waan Maraa haajaa worra hiyyeeyyi'ii akka fixu, worra rakkata'aaf haqa akka muru ani hin beeka.
PSA 140:13 Dhugumaan worri balchooleen maqaa isaa hin leellisan; worri qajeelaan fuula isaa dura hin le'an.
PSA 141:1 Ee Mootii Waan Maraa, ani si Waammadha; ati ariifadhuu na bira koy! Yennaa ani si waammadhu, qoonqoo tiyya dhage'i.
PSA 141:2 Daadimati kiyya si duratti akka hixaana aarfamuu, harka ol kaasuun kiyya akka ciincaa galgalaa te'uu ti.
PSA 141:3 Ee Mootii Waan Maraa, afaan kiyyaaf eedduu, hidhii tiyyaaf tissee tolchi.
PSA 141:4 Hantuu hujiisaaf akka hin halchine, worra hantuu huju woliin qooda akka hin fudhanne na eegi; worra hantuu huju woliin sagalee isaanii dansaa akka nyaadhu na hin lakkisin.
PSA 141:5 Nami balchaan na dhaaniis naaf dansa'a; na xixiis isaalle akka dhadhaa mata'aa ti; mataan kiyya dhadhaa hin jibbu. Hujii worra hama'aa didiisaaf ammoo, ani yennaa mara daadimadha.
PSA 141:6 Bulchitooti isaanii yennaa bowwaa rassa'aatitti gad qolaanfamane, wonni ani dubbadhe dhugaa akka teete hin beekan.
PSA 141:7 Isaan, «Akkuma nami lafa qotee butuchu, lafeen teennalle addee worri du'e jirutti bittinnootte» hin jedhan.
PSA 141:8 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa kiyya, ilti tiyya gara keeti ilaalti; ani gara keeti baqadha; akka ani du'u na hin lakkisin.
PSA 141:9 Fonxoroo isaan naaf afane irraa, tiyyoo worra hantuu hujuu irraa na eegi.
PSA 141:10 Ani nageyaan dabaree, worri hamaan tiyyoo ifumaaf afeen qabamuu ti.
PSA 142:1 Ani qoonqoo ol qabadhee, gara Mootii Waan Maraa iyya; marartii dhaggatiisaaf Mootii Waan Maraa gaafadha.
PSA 142:2 Komii tiyya mara isa duratti dhangalaasa; rakkinna kiyyalle isa duratti himadha.
PSA 142:3 Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru, gara ani ideemaaru ati hin beetta. Daandii ani irra ideemu keessa, isaan fonxoroo naaf dhossaneeran.
PSA 142:4 Adaala kiyya ilaalii dhaggi; nami naaf yaadatu hin jiru; addeen ani itti baqadhu hin jirtu; nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu.
PSA 142:5 Ee Mootii Waan Maraa, ani gara keeti iyya; ani, «Ati ka ani itti baqadhu; lafa worra jiraata'aa tana keessatti ati qooda kiyya» jedha.
PSA 142:6 Ani waan qarqaarsa hin qanneef, iyya tiyya naaf caqasi; worri na miidhu guddoo waan natti jabaataneef, ati isaan jalaa na baasi.
PSA 142:7 Maqaa keeti akka leellifadhu, hidhaa keessaa na baasi. Ati waan dansaa waan naa gooteef, worri balchaan na hin marsan.
PSA 143:1 Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage'i; gurri keeti iyya tiyya caqasuu ti; addatamumma'aa fi balchummaa teetiin deebii naaf kenni.
PSA 143:2 Si duratti nami balchaan waan hin jirreef, ana tajaajilaa keeti mura'atti hin dhikeessin.
PSA 143:3 Diinni kiyya na ari'iisatti jira; lafatti na butuchee, akka worra bara dheera'aan dura du'ee, dukkana keessa akka tee'u na godhe.
PSA 143:4 Maarre ani addii kutatiisa geyeera; gadhaa kiyya keessatti sodaadheera.
PSA 143:5 Waan bara durii te'e hin qaabadha; waan ati goote mara itti deddeebi'ee hin yaada; waan harki keeti huje hin herrega.
PSA 143:6 Ani harka kiyya gara keeti badhisa; akka lafa goddee, lubbuun tiyya si dheebotti.
PSA 143:7 Ee Mootii Waan Maraa, ani addii kutatiisa geyeera; ariifadhuu deebii naa kenni; yookiin ani akka worra gara boollaa gad bu'uu hin te'a; fuula keeti na duraa hin dhoffatin.
PSA 143:8 Ani waan si addadhuuf, ganama ganama bari'iin jaalala keeti ka bara baraa natti lallabi. Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf, karaa ani irra deemu'uu male na barsiisi.
PSA 143:9 Ani gara keeti waan baqadheef, Ee Mootii Waan Maraa, diinota kiyya jalaa na baasi.
PSA 143:10 Ati Waaqa kiyya waan teeteef, fedhii teeti akka muummessu na barsiisi. Ayyaanni keeti dansaan daandii qajeelaa irra na sooressuu ti.
PSA 143:11 Ee Mootii Waan Maraa, maqaa keetiif jedhiitii, lubbuu tiyya jiraachisi; balchummaa teetiin rakkinna keessaa na baasi.
PSA 143:12 Jaalala keeti ka bara baraatiin, diinota kiyya fixi; ani tajaajilaa keeti waan te'eef, nyaaphota na rakkisu mara balleessi.
PSA 144:1 Rassaan kiyya, ka harka kiyya lolaaf, quba kiyya woraanaaf leenjisu, Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.
PSA 144:2 Inni Waaqa kiyya ka nama jaalatu, kushee tiyya jadduu, dalleya dhaka'aa kiyyaa fi fayyisaa kiyya, wontee tiyya ta ani itti baqadhu, ka kolbaa tiyya hedduu na jalatti akka ajajantu godhu.
PSA 144:3 Ee Mootii Waan Maraa, akka ati isa kunuunsituuf, nami maan inni? Yookiin akka ati isaaf yaadattuuf, ilmi namaa maan inni?
PSA 144:4 Nami akka baafata hafuuraa tokkochaa ti; barri jiruu isaaniille akka gaaddisa dabaruu ti.
PSA 144:5 Ee Mootii Waan Maraa, ol-gubbaa dayyaasii gad bu'i; akka aarri keessaa bayu, gaarota tuqi.
PSA 144:6 Balaqqeettii balaqqisiitii diinota bittinneessi; daaya keeti darbadhuutii isaan ari'i.
PSA 144:7 Gubbaa irraa harka keeti gad diriirsi; bisaan guddaa keessaa, harka ormaatii na baasiitii na hamburi.
PSA 144:8 Afaan isaanii soba dubbata; harka middicha ol kaasanee dharaan kakatan.
PSA 144:9 Ee Waaqa, ani faaruu haareya si'iif hin faarsa; kiraara guddicha ribuu kudhan qabu dhowataa si faarfadha.
PSA 144:10 Ati moototaaf injifachaa kennita; tajaajilaa keeti Daawitille shallaagaa ijjeesu jalaa hin hamburta.
PSA 144:11 Na hamburi; harka worra ormaa keessaa na baasi; afaan isaanii soba dubbata; harka middicha ol kaasanee dharaan kakatan.
PSA 144:12 Ilmaan teenna dargaggummaa ifiitiin akka biqiltuu guddinna toltee, ijoolleen durraa teenna akka utubaa mana mootumma'aa seesiisaaf bocamee te'anuu ti.
PSA 144:13 Gootaraan keenna midhaan adda addaatiin guutamuu ti; hooloti teenna kumootaan, kumoota kudhaniin diida keenna keessatti hortuu ti.
PSA 144:14 Horiin keenna dodorrobuu ti; gadha'aa gatiisi, sadheessiisi hin jiraatin. Booji'amiis hin jiraatin; karaa keenna irratti iyyi gaddaa hin jiraatin.
PSA 144:15 Kolbaan eebbi akkasii te'eef gammadduu ti; kolbaan Mootiin Waan Maraa Waaqa isi'ii te'eef gammadduu ti.
PSA 145:1 Ee Waaqa mootii kiyya, ani si hin saadadha; bara baraa haga bara baraa maqaa keeti hin leellifadha.
PSA 145:2 Guyyuma guyya'aan si hin leellisa; bara baraa haga bara baraa maqaa keeti hin saadadha.
PSA 145:3 Mootiin Waan Maraa gudda'a; guddoo leellifamuu male; guddinni isaa qorqoramee bira hin geyamu.
PSA 145:4 Dhalooti tokko hujii teeti dhaloota itti aanutti jaja; hujii teeti ta maade'ee hin lassa.
PSA 145:5 Isaan marroo ulfinna keeti arnya qabeessaa hin dubbatan; anille marroo hujii teeti ta baasaa itti deddeebi'ee hin yaadadha.
PSA 145:6 Isaan marroo hunna hujii teeti ta baasaa hin dubbatan; anille guddinna keeti hin odeessa.
PSA 145:7 Isaan marroo arjummaa teeti baca'aa hin jilifatan; Balchummaa teetiifille ililleetti'iin faarsan.
PSA 145:8 Mootiin Waan Maraa marara'a; arjaalle'e; aari'iif hin ariifattu; jaalalli isaalle gudda'a.
PSA 145:9 Mootiin Waan Maraa nama maraaf dansa'a; inni waan ifii dade mara hin marara.
PSA 145:10 Ee Mootii Waan Maraa, wonni ati dadde marti si hin leellifatti; kolbaan teeti marti si hin saadatti.
PSA 145:11 Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii, marroo hunna teetii hin dubbatan.
PSA 145:12 Akka kanaan namooti marti hujii teeti ta baasaatii fi mootummaa teeti arnya qabeettii ulfinnaa hin beekan.
PSA 145:13 Mootummaan teeti mootummaa bara baraa ti; ati haga bara baraa hin bulchita.
PSA 145:14 Mootiin Waan Maraa worra jigaaru mara hin utuba; worra jigelle ol kaasa.
PSA 145:15 Ilti nama maraa gara keeti ilaalti; atille sagalee isaanii yennaa maltetti isaanii kennita.
PSA 145:16 Ati harka keeti diriirsitee, halchaa waan lubbuu qabu maraa hin quussita.
PSA 145:17 Mootiin Waan Maraa karaa hujii ifii maraan balcha'a; waan huju maraan addatama'a.
PSA 145:18 Mootiin Waan Maraa worra isa waammatu maraaf, worra dhuga'aan isa waammatu maraaf dhikoo jira.
PSA 145:19 Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta; iyya isaaniille dhage'ee, isaan hin baasa.
PSA 145:20 Mootiin Waan Maraa worra isa jaalatu mara hin eega; worra hamaaleyyii ammoo hin balleessa.
PSA 145:21 Afaan kiyya leellisa Mootii Waan Maraa hin dubbata; ka foon uffate martille bara baraa haga bara baraa, maqaa isaa woyyicha hin leellisa.
PSA 146:1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi!
PSA 146:2 Ani bara le'ii tiyyaa mara Mootii Waan Maraa leellisa; haga jiru mara Waaqa kiyyaaf faaruu leellisaa hin faarfadha.
PSA 146:3 Worra isin baasuu hin dandeenne, qondaaltota ilmaan namaa itti hin addatina'a!
PSA 146:4 Isaan yennaa du'anu, gara biyye'ee deebi'an; guyyuma san karoorri isaanii hin bada.
PSA 146:5 Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te'e, ka Mootii Waan Maraa Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti.
PSA 146:6 Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi waan isaan keessa jiru mara dade; inni haga bara baraa addatamummaa ifii hin eegata.
PSA 146:7 Inni worra cunqurfameef haqaan mura; worra beeloteef sagalee kenna. Mootiin Waan Maraa worra hidhame bilisa baasee,
PSA 146:8 worra ballaa ila bana. Worra gad jedhe ol qaba; worra balchaa jaalata.
PSA 146:9 Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega; inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara; karaa worra hama'aa ammoo hin balleessa.
PSA 146:10 Ee Xiyoon, Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa, dhalootaa haga dhalootaatitti, haga bara baraa hin bulcha. Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 147:1 Mootii Waan Maraa leellisa'a; Waaqa keenna fuuru'uun leellisiis attam attam dansa'a! Isa leellisiis nama gammachiisa; dansaalle'e.
PSA 147:2 Mootiin Waan Maraa Yerusaalem deebisee hin ijaara; namoota Israa'elii ka bittinnowanelle deebisee hin fida.
PSA 147:3 Inni worra gaddaan gadhaan isaanii madaye hin fayyisa; madaa isaaniille hin hidha.
PSA 147:4 Inni laakkossa urjootaa haga beeka; mara isaaniituu maqaa isaaniitiin waama.
PSA 147:5 Mootiin Waan Maraa keenna gudda'a; akka malee hunna qaba; beekkumsi isaalle hagana hin jedhamu.
PSA 147:6 Mootiin Waan Maraa worra gad ifi qabu ol hin qaba; worra hamaaleyyii ammoo lafatti jissa;
PSA 147:7 Faaruu galataa Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa'a.
PSA 147:8 Inni ol-gubbaa duumensaan golla; lafaaf rooba kenna; koobota irratti marri akka latu godha.
PSA 147:9 Inni hori'iif waan nyaatanu hin kenna; ilmooleen harraaqessaa yennaa iyyitu inni isaan hin soora.
PSA 147:10 Inni jabeenna fardaatiin, yookiin jabaanna rukkee miila namaatiin hin gammadu.
PSA 147:11 Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu, jaalala isaa ka bara baraatitti addii godhatuun gammada.
PSA 147:12 Ee Yerusaalem, Mootii Waan Maraa leellifadhu; Ee Xiyoon, Waaqa keeti saadadhu.
PSA 147:13 Inni danqaraa karra teetii hin jabeessa; kolbaa si keessatti hin eebbisa.
PSA 147:14 Meessaa keeti nageya hin godha; qamadii dansa'aan si hin quussa.
PSA 147:15 Inni ajaja ifii gara lafaa hin erga; jechi isaa ariiti'iin hin muummowa.
PSA 147:16 Inni dhakaa roobaa akka fuutta'aa diriirsa; qorra akka daadha'aa facaasa.
PSA 147:17 Inni dhakaa roobaa akka katta'aa godhee gad buusa; qorra isaa eentu dura dhaabbatuu dande'a?
PSA 147:18 Inni jecha ifii hin erga; dhakaan roobaa sun hin baqa; qilleensi akka dhufu hin godha; dhakaan roobaa sunille bisaan te'ee yaa'a.
PSA 147:19 Inni jecha ifii sanyii Yaaqoobiititti seera ifiitii fi qajeelcha ifii Israa'elitti hin hima.
PSA 147:20 Inni gosa biyya dhibi'iitiif akkas hin goone; isaan seera isaa hin beekanu. Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 148:1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! Ol-gubbaa keessaa Mootii Waan Maraa leellisa'a; gubbaa olii keessatti isa leellisa'a.
PSA 148:2 Ergantooti isaa marti, loltooti isaa ta ol-gubba'aa marti isa leellisa'a.
PSA 148:3 Ji'aa fi aduun isa leellisa'a; isin urjooti ifa kennitanu marti isa leellisa'a.
PSA 148:4 Isin ol-gubbaan ol gubbootaa, isin bisaan ol-gubba'aalle isa leellisa'a.
PSA 148:5 Isaan ajaja isaatiin waan dadamaneef, maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti.
PSA 148:6 Inni haga bara baraa addee isaaniititti jabeessee isaan dhaabe; seera hin jijjiiranne isaanii kenne.
PSA 148:7 Bineensoti gugurdaan abbaayaa guddittii keessaa, qileen abbaayaa gudditti'ii martinuu, lafa irraa Mootii Waan Maraa leellisa'a!
PSA 148:8 Isin balaqqeetti'ii fi dhakaan roobaa, qorrii fi hurriin, hobonbolattiin ajaja isaa muummessitanu,
PSA 148:9 Gaarotii fi kooboti martinuu, mukooti midhaan buusuu fi birbirsooti martinuu,
PSA 148:10 bineensaa fi horiin martinuu, bineensoti lafa irra lootanuu fi koolaan kaatanu martinuu, Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 148:11 Moototi lafaatii fi gosi biyya adda addaa martinuu, qondaaltotii fi bulchitooti lafaa martinuu,
PSA 148:12 dargaggeeyyiin dhiiraatii fi durraa, jaarsole'ee fi ijoolleen, Mootii Waan Maraa leellisa'a!
PSA 148:13 Maqaan isaa callaan ka saadame waan te'eef, ulfinni isaa lafaa fi ol-gubbaa irra waan jiruuf, isaan maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti.
PSA 148:14 Kolbaan isaa Israa'elooti, worri isatti dhikaatanu, addatantooti isaa akka isa leellisanu, jabeenna isaaniif kenne. Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 149:1 Mootii Waan Maraa leellisa'a; faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a! Wolde'a kolbaa isaa keessatti isa leellisa'a.
PSA 149:2 Israa'elooti, ka isaan dadeen firinxiixanuu ti; ijoolleen Xiyoonii, mootii ifiitiin gammadanuu ti.
PSA 149:3 Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti; dibbe'ee fi kiraara guddichaan isaaf faarsanuu ti.
PSA 149:4 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin waan gammaduuf, worra gad ifi qabu, akka injifatanu godhee ulfinna kennaaf.
PSA 149:5 Kolbaan isaa, ulfinna kanaan firinxiixanuu ti; taqee ifii irralle'etti, ililleetti'iin faarfatanuu ti.
PSA 149:6 Leellisi Waaqaa afaan isaanii keessa, shallaagaan qara lamaa, harka isaanii keessa jiraatuu ti.
PSA 149:7 Gosa biyya adda addaa haluu bayiisaaf, kolbaa hedduulle adabiisaaf,
PSA 149:8 mootota isaanii wodaroo sibiilaatiin, qondaaltota isaaniille, sibiila miilaan hidhanuun hidhiisaaf,
PSA 149:9 muraa barreeffanteertu, isaan irratti muunmmessiisaaf, tun kolbaa isaaf addatante maraaf ulfinna. Mootii Waan Maraa leellisa'a.
PSA 150:1 Mootii Waan Maraa leellisa'a! Addee Woyyittii isaa keessatti, Waaqa leellisa'a! Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti, isa leellisa'a!
PSA 150:2 Hujii jadduu inni godheef isa leellisa'a. Guddinna isaa, ka waan mara caaluuf isa leellisa'a.
PSA 150:3 Tultulla'aan isa leellisa'a. Kiraara guddichaa fi maseenqo'oon isa leellisa'a.
PSA 150:4 Dibbe'ee fi shubbisiisaan isa leellisa'a. Kiraaraa fi suusulle'een isa leellisa'a.
PSA 150:5 Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, isa leellisa'a. Sibiila wolitti dhowamee, akka malee qilillisuun isa leellisa'a.
PSA 150:6 Wonni hafuura baafatu martinuu Mootii Waan Maraa leellisanuu ti! Mootii Waan Maraa leellisa'a!
PRO 1:1 Fakkeenni Solomoonii ilma Daawitii, ka mootii Israa'elii ka asii gad jiranu:
PRO 1:2 Isaan kun namooti qarumma'aa fi qajeelfama dansaa akka fudhatanu, jechoota beekkumsa ifi keessaa qabanu, akka hubatanu,
PRO 1:3 balchumma'aa fi haqaan, waan dhugaa te'e godhiisaan, amala qarumma'aatiin qajeelfama akka fudhatanu,
PRO 1:4 worri beekkumsaan hin bilchaatin, hubantii akka qabaatanu, dargaggooti beekkumsaa fi, qalbii akka qabaatanu qarqaaran.
PRO 1:5 Worri qarooleen fakkeenna kana caqasanee, barumsa ifii itti ede'atanuu ti; worri hubantii qabanulle qajeelfama irraa fudhatanuu ti.
PRO 1:6 Akka kanaan isaan fakkeennaa fi mammaassa, hiikkaa jedhi'iitii fi hiibboo worra qaroole'eelle hin hubatan.
PRO 1:7 Qarummaan jalqabaa, Mootii Waan Maraa sodaatiisa; gowwooleen ammoo, qarumma'aa fi gorsa tuffatti.
PRO 1:8 Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage'i; barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
PRO 1:9 Barsiisi isaanii, mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti; morma keetiifille, akka meya seesaaf diramee ti.
PRO 1:10 Ilma kiyya, cubbaaleyyiin yoo si hawadatte, tole hin jedhiniif.
PRO 1:11 Isaan yoo, «Nu woliin koy; dhiiga namaa dhangalaasiisaaf dhokannee gaadanna; nama yakkaa hin qanne, sababa malee miidhiisaaf kara'atti eeganna!
PRO 1:12 Akka addee worri du'e jiru, akka worra gara boolla awwaalaa gad bu'uu, adoo isaan jiru'uu fi fayya'aan jiranuu, kowaa isaan liqinsinaa ti!
PRO 1:13 Nuuti meya gatii guddo'oo ka gosa adda addaa hin dhagganna; mana keennalle waan saamanneen hin guutanna!
PRO 1:14 Koy nu woliin hirmaadhu; waan hannaan fudhanne woliin qoodanna» yoo si'iin jedhane,
PRO 1:15 Ilma kiyya, isaan woliin hin deemin; daandii isaanii irraa miila keeti eeggadhu.
PRO 1:16 Miilli isaanii gara cubbu'uu rukkisa; isaan dhiiga dhangalaasiisaaf ariifatan.
PRO 1:17 Adoo sinbirree dhaggituu fonxoroo itti afuun, bu'aa hin qaddu.
PRO 1:18 Namooti kun dhiiguma ifii dhangalaasiisaaf dhokatanee gaadan; isaan ifuma dhokatanee gaadan.
PRO 1:19 Muummeen worra joljoluu akkas jirti; joljolummaan isaan ijjeetti.
PRO 1:20 Qarummaan woldeennaa kara'aa keessaa iyyitee waammatti; badhinna keessaa qoonqoo ol qabattee iyyiti.
PRO 1:21 Karaa namooti hogisanu keessaa iyyiti; seensuma qacha'aa keessaa dubbatti:
PRO 1:22 Isiin, «Isin worri gowwooleen, haga yoomii, gowwummaa teessan jaalattan? Isin worri murgaameyyiin, haga yoomii, murgoo teessanitti gammaddan? Isin worri gowwooleen, haga yoomii beekkumsa jibbitan?
PRO 1:23 Isin xixicha kiyya yoo dhageettane, ani silaa waan gadhaa kiyya keessa jiru, yaada kiyya akka beettanu hin godhaayyu.
PRO 1:24 Isin ammoo, yennaa ani waamu eega diddanee, yennaa ani harka kiyya diriirsu, eega itti hin xiyyeeffatinii,
PRO 1:25 isin gorsa kiyya mara tuffatanee, xixicha kiyyalle eega hin fudhatinii,
PRO 1:26 yennaa isin farra keessa jirtanu, anille isinitti hin kolla. Yennaa balaan isinitti bu'u ani isinitti hin murga.
PRO 1:27 Yennaa wonni hantuun, akka bubbee bokkeyaa isinitti dhuttu, yennaa balaan akka hobonbolatti'ii isin haxowu, yennaa dhippinnii fi rakkinni isin irra garagalu, ani isinitti murga.
PRO 1:28 Yennaa san isin na hin waantan; ani ammoo deebii isiniif hin kennu; Isin akka malee na barbaaddan, ammoo na hin dhaggitanu.
PRO 1:29 Isin beekkumsa Waan jibbitaneef, Mootii Waan Maraa sodaatiisa, waan hin filanneef,
PRO 1:30 Isin gorsa kiyya waan hin fudhatiniif, xixicha kiyya mara waan tuffataneef,
PRO 1:31 isin midhaanuma hujattane hin nyaattan; bu'aa mala nama irratti dhoottanee hin dhaggatan.
PRO 1:32 Worra beekkumsaan hin bilchaatin qarummaa irra fagaatiisatti ijjeesa; gowwooleelle rincica isaaniititti, isaan balleessa.
PRO 1:33 Worri na dhage'u ammoo, nageyaan le'a; waan hantuu adoo hin sodaatin, bidhaa malee jiraata» jetti.
PRO 2:1 Ilma kiyya, jecha kiyya yoo fudhatte, ajaja kiyyalle qalbii teeti keessatti yoo bulfatte,
PRO 2:2 gurra keeti gara qarumma'aa yoo qabatte, gadhaa keetille gara hubanti'ii yoo deebifatte,
PRO 2:3 beekkumsa guddaa yoo waammatte, hubanti'iif qoonqoo ol qabattee yoo iyyite,
PRO 2:4 akka meeti'ii yookiin akka qabeenna dhoffameeruu, qarummaa yoo barbaadde,
PRO 2:5 ati Mootii Waan Maraa sodaatiisa hin hubatta; beekkumsa Waaqa beekiisalle hin dhaggatta.
PRO 2:6 Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf, beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.
PRO 2:7 Inni worra qajeela'aaf, qarummaa kenna; worra komii hin qanneefille, wontee isaaniif te'a.
PRO 2:8 Inni daandii haqaa hin toowata; karaa worra isaaf addatamuulle hin eega.
PRO 2:9 Achiin duuba ati balchumma'aa fi haqa, waan dhugaa te'ee fi daandii dansaa mara hin hubatta.
PRO 2:10 Qarummaan gara qalbii teetii waan dhuttuuf, beekkumsi si gammachiisa.
PRO 2:11 Qalbeeffatiis si hin eeddi; hubatiisille si hin toowatti.
PRO 2:12 Qarummaan karaa worra hama'aa irraa, worra dubbii micciiru irraa si hin dhooggiti;
PRO 2:13 worri akkasii kun karaa dukkanaa ideemiisaaf, daandii qajeelaa worra lakkisu;
PRO 2:14 waan hantuu godhiisatti worra gammadu; micciiramummaa hamaaleyyi'iititti worra firinxiixu;
PRO 2:15 karaan isaanii micciirama'a; ideensi isaaniille daddaba'a.
PRO 2:16 Qarummaan dubartii gaarayyeeffattuu, ta jechoota gammachiisuun nama qaxafattu jalaa si baachi.
PRO 2:17 Dubartiin tun dhirsa dargagumma'aan heerumte lakkittee, waadaa Waaqa duratti galte deeteerti.
PRO 2:18 Manni isi'ii gara du'aa, daandiin isi'ii gara ekera'aa geessa.
PRO 2:19 Worri gara isi'ii dhaqu hin deebi'u yookiin daandii jiru'uu hin dhaggatu.
PRO 2:20 Maarre ati karaa namoota dansa'aa hin ideenta; daandii balchootaa irraa akka hin gorre hin eegatta.
PRO 2:21 Worri qajeelaan lafa irra hin le'an; worri yakkaa hin qannelle isii keessatti hin hafan.
PRO 2:22 Worri hamaan ammoo lafa irraa hin bada; worri hin addatanne isii irraa hin buqqa'a.
PRO 3:1 Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin; ajajoota kiyya gadha'atti qabadhu.
PRO 3:2 Isaan guyyoota sii ede'anee, woggoota hedduu si leesisan; qananumma'aa fi nageya sii kennan.
PRO 3:3 Mararti'ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin; morma keetitti hidhadhu; gadhaa keeti keessatti qabadhu.
PRO 3:4 Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.
PRO 3:5 Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu; hubantii teetitti hin irkatin.
PRO 3:6 Karaa keeti maraan isa beeki; inni daandii teeti si'iif hin qajeelcha.
PRO 3:7 «Ani qaro'o!» ifiin hin jedhin; Mootii Waan Maraa sodaadhu; waan hantuu irraa fagaadhu.
PRO 3:8 Kun nafa keetiif fayyaa, lafee teetiifille jabeenna hin te'a.
PRO 3:9 Qabeenna keetiin, midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan, Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni.
PRO 3:10 Achiin duuba gootaraan keeti midhaaniin hin guutama; daadhiin teeti waabaa guutantee irra hin danbalaati.
PRO 3:11 Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin; xixicha isaalle hin jibbin.
PRO 3:12 Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu, Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.
PRO 3:13 Nami qarummaa dhaggatu, ka hubantii qabu ka gammade.
PRO 3:14 Qarummaan meetii caalaa bu'aa qaddi; worqii caalaalle fayyaddi.
PRO 3:15 Qarummaan dooqa gatii guddo'oo caalaa gatii qaddi; waan ati halchitu keessaa ka isi'iin qixxawu hin jiru.
PRO 3:16 Harka isi'ii middicha keessa jiruu dheertu'utti jira; harka isi'ii bitaacha keessa durumma'aa fi ulfinnatti jira.
PRO 3:17 Karaan isi'ii karaa gammadaa ti; daandiin isi'ii daandii nageyaa ti.
PRO 3:18 Isiin worra jabeessee isii qabateef, muka jiru'uu ti; worri jabeessee isii qabate hin gammada.
PRO 3:19 Mootiin Waan Maraa qarummaa ifiitiin lafa dade; hubantii ifiitiin ol-gubbaa jabeessee dhaabe.
PRO 3:20 Beekkumsa isaatiin qileen abbaayotaa gargar dayyaate, duumensille tiifuu tiife.
PRO 3:21 Ilma kiyya, qarumma'aa fi qalbeeffata jabeessii qabadhu; isaan ila teeti duraa hin gorin.
PRO 3:22 Isaan si'iif jiruu, morma keetiifille seesa hin te'an.
PRO 3:23 Achiin duuba ati nageyaan karaa keeti hin deenta; miilli keetille hin gufatu.
PRO 3:24 Yennaa irkattu hin sodaattu; yennaa rattulle hirriibi keeti mi'owaa hin te'a.
PRO 3:25 Yennaa balaan dedhuma worra hamaa irra dhaqqabu, ati hin sodaattu.
PRO 3:26 Mootiin Waan Maraa addii waan sii te'uuf, miila keeti tiyyoo irraa hin eega.
PRO 3:27 Worra wonni dansaan malteef, waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu, waan dansaan godhiisa hin lakkisin.
PRO 3:28 Adoo harkaa qadduu, «Boru sii kennaatii, deebi'ii koy!» namaan hin jedhin.
PRO 3:29 Nama si addatee si bira tee'u irratti waan hantuu hin yaadin.
PRO 3:30 Adoo nami si hin miidhin, akkasumaan nama hin himatin.
PRO 3:31 Nama hunnaan nama irratti ka'u hin halchin; karaa isaa tokkolle hin filatin.
PRO 3:32 Sababille Mootiin Waan Maraa nama micciiramaa jibba; nama qajeelaa ammoo guddoo jaalata.
PRO 3:33 Mootiin Waan Maraa mana worra hama'aa hin abaara; mana worra balcha'aa ammoo hin eebbisa.
PRO 3:34 Mootiin Waan Maraa worra murgutti hin murga; worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna.
PRO 3:35 Worri qarooleen ulfinna hin dhaggatan; worri gowwooleen ammoo hin salphatan.
PRO 4:1 Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa'a; itti xiyyeeffadha'aatii, hubantii dhaggadha'a.
PRO 4:2 Ani barsiisa kiyya dansaa isiniif kenna; maarre isin barsiisa kiyya hin lakkisina'a.
PRO 4:3 Yennaa ani mana abbaa kiyyaatitti mucaa diqqa'aa, haadha tiyyaaf ilma tokkochaa san,
PRO 4:4 abbaan kiyya na barsiisee, «Jecha kiyya mara gadhaa tokkochaan qabadhu; hin leetaa, ajaja kiyya eegadhu.
PRO 4:5 Qarummaa dhaggadhu; hubantii qabaadhu; jecha kiyya hin dedhin yookiin irraa hin deebi'in.
PRO 4:6 Qarummaan gollaa sii teetii, isii hin dedhin; si eeddiitii, isii jaaladhu.
PRO 4:7 Qarummaan waan mara caalti; tanaaf isii dhaggadhu. Waan ati qaddu mara si kaffalchiittulle, hubantii bitadhu.
PRO 4:8 Ulfinna isi'iif kenni; isiille ol si qaddi; isii hanqafadhu; isiille ulfinna si'iif hin kenniti.
PRO 4:9 Isiin daraaraa seesaaf wolitti hidhame, mataa keeti irra hin keetti; kallacha dansaa si'iif hin kenniti» jedhe.
PRO 4:10 Ilma kiyya caqasi; barri le'ii teetii akka heddatu, jecha kiyya fudhadhu.
PRO 4:11 Ani karaa qarumma'aa si barsiiseera; daandii qajeelaa irra si sooresseera.
PRO 4:12 Yennaa ideentu karaan sitti hin dhiphatu; yennaa rukkittulle hin gufattu.
PRO 4:13 Gorsa sii kenname jabeessii qabadhu; gad hin lakkisin; jiruu teeti waan te'eef, midhassii eegadhu.
PRO 4:14 Daandii worra hama'aa hin hordofin yookiin karaa worra hantuu hujuu irra hin deemin.
PRO 4:15 Karaa san irraa fagaadhu; irraa deebi'iitii, karaa keeti deemi.
PRO 4:16 Isaan haga waan hantuu godhanutti dande'anee hin rafanu; haga nama dokonkorsanutti foora hin qabanu.
PRO 4:17 Isaan sagalee hammeennaa nyaatan; daadhii woyni'ii ta hunnaan nama irratti ka'iisaa unan.
PRO 4:18 Daandiin balchoole'ee akka ifa barii ganamaa, ka haga orra'aatitti ifaatuma ideemuu ti.
PRO 4:19 Daandiin worra hama'aa ammoo akka dukkana dimmaa ti; isaan waan isaan gufachiisu hin beekanu.
PRO 4:20 Ilma kiyya waan ani jedhutti xiyyeeffadhu; jecha kiyya midhassii caqasi.
PRO 4:21 Isaan ila teeti duraa hin gorin; gadhaa keeti keessatti qabadhu.
PRO 4:22 Isaan worra isaan dhaggatuuf jiru'u; nafa isaanii maraaf fayyinna.
PRO 4:23 Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef, waan mara caalaa qalbii teeti eegadhu.
PRO 4:24 Dubbii micciiriisa afaan keeti irraa fageessi; dubbii malaamaltumma'aa irraa hidhii teeti eegadhu.
PRO 4:25 Ilti teeti gara fuula duraa qajeelaa ilaaltuu ti; ifiin dura qofa ilaali.
PRO 4:26 Daandii miilli keeti irra deemu, wol qixxeeffadhu. Karaan keeti dansaa te'uu ti.
PRO 4:27 Gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin; miila keeti waan hantuu irraa eegadhu.
PRO 5:1 Ilma kiyya, qarummaa tiyyatti xiyyeeffadhu; gara hubantii tiyyaa gurra keeti deebifadhu.
PRO 5:2 Yoo tana goote waan hantu'uu fi dansaa gargar hin baafatta; dubbiin teetille beekkumsa hin mudhitti.
PRO 5:3 Hidhiin dubartii gaarayyeeffattuu nadhii coccossiti; dubbiin isi'ii zayitii caalaa lallaatti;
PRO 5:4 dhuma irratti ammoo akka hargiisaa hadhootti; akka shallaagaa qara lamaa qara qaddi.
PRO 5:5 Miilli isi'ii gara du'aa deema; ijjati isi'ii daandii gara addee worri du'e jiru geessa.
PRO 5:6 Isiin karaa jiru'uu hin yaadattu; karaan isi'ii daddaba'a; ammoo isi'itti hin beekkamu.
PRO 5:7 Amma ilmaan tiyya, na caqasa'a; jecha afaan kiyyaa irraa hin gorina'a.
PRO 5:8 Karaa keeti isii irraa fageessi; qarqara balbala mana isi'iititti hin dhikaatin.
PRO 5:9 Yoo tana godhuu dhabaatte, ulfinna keeti namoota dhibi'iif, jiruu teetiille nama marartii hin qannetti hin kennita.
PRO 5:10 Karra teetille alagaan hin fudhata; eloon teetille mana ormaa hin duroonsiti.
PRO 5:11 Foon keetii fi nafi keeti yennaa dhumate, muummee jiruu teetiititti hin aadda;
PRO 5:12 ati, «Hayii, ani maaf gorsa jibbe? Gadhaan kiyya maaf qajeelfama tuffate?
PRO 5:13 Ani barsiisota tiyya hin caqanne; gurra kiyya gara worra na gorsuu hin deebifanne.
PRO 5:14 Wolde'a kolba'aa duudii keessatti, badii guddoo biraan baye» hin jetta.
PRO 5:15 Niitii teeti akkuma boolluma bisaanii keetii fi baleessuma keetii, achuma keessaa uni.
PRO 5:16 Maddi keeti diidatti, bisaan lagaa keeti karaa keessatti dhangala'uu qabaa ree?
PRO 5:17 Isaan si qofaaf te'anuu ti; alagaa woliin hin qoodamin.
PRO 5:18 Maddi keeti ka eebbifame te'uu ti; niitii teeti ta qeedhumma'aan fuute woliin firinxiixi.
PRO 5:19 Isiin jaalatantuu akka gadansaa, biifa qabeettii akka jiliba'aa sii teetuu ti. Harmi isi'ii yennaa mara dheebuu si baasuu ti; jaalala isi'iitiin yennaa mara machowi.
PRO 5:20 Ilma kiyya, maaf dubartii gaarayyeeffattu'uun machootta? Maaniif qoma dubartii nama dhibi'ii hanqafatta?
PRO 5:21 Hujiin namaa Mootiin Waan Maraa duratti ifa; inni daandii namaa mara dhagga.
PRO 5:22 Nami hamaan hujuma ifiitiin tiyyoo seena; cubbuma ifiitiin qabama.
PRO 5:23 Inni qajeelfama waan dhabeef du'a; gowwummaa guddoo ifiitiin karaa irraa miliqa.
PRO 6:1 Ilma kiyya, namaaf wobii yoo teete, marroo nama dhibi'iitiif harka wol dhowatiisaan waadaa yoo galte,
PRO 6:2 woma dubbatteen tiyyoo yoo seente, jechuma afaan keetii bayeen yoo qabante,
PRO 6:3 ilma kiyya, harka nama sanii waan seenteef, ifi baasiisaaf, gara nama sanii dhaqiitii, gad ifi qabi; akka inni wobummaa san si irraa buusuuf isa gaafadhu.
PRO 6:4 Adoo tana hin godhin hin rafin; hirriibi ila teeti irra hin marin.
PRO 6:5 Akka gadansi worra adansu jalaa, sinbirreen tiyyoo jalaa miliqanu, atille ifi baasi.
PRO 6:6 Ati namicha booseya, me dhaqiitii mixaa dhukkulle ilaali; mala isaa ilaaliitii qaroo te'i.
PRO 6:7 Isaan sooressa, toowataa yookiin bulchaa hin qabanu;
PRO 6:8 te'uu malee sagalee ifii ta bonaa, waan isaaniif barbaachisu yennaa midhaan galu keessa wolitti qabatan.
PRO 6:9 Ati namichi boosenni haga yoomii achi ratta? Ati yoom hirriibaa kaata?
PRO 6:10 Ati diqqoo adoo rattuu, diqqoo adoo mudduu, foorfatiisaafille diqqoo adoo harka wol irra naqattuu,
PRO 6:11 hiyyummaan akka saantu'uu, akka nama meya woraanaa hidhatee, sitti hin dhufa.
PRO 6:12 Nami gadhe'ee fi nami hamaan, ka dubbii micciiraa asii fi achi deemu,
PRO 6:13 ka ilaan qiphifatu, ka miilaan beessisa kennu, ka qubaan akeeku,
PRO 6:14 ka gadhaa ifii keessatti mala hamaa dhowu, yennaa mara lola kaasa.
PRO 6:15 Tanaaf balaan dedhuma isatti hin bu'a; yoosuma cabiisa hin fayyine caba.
PRO 6:16 Wonni jaa ta Mootiin Waan Maraa jibbu, torbeessoon ta inni dhiqatu jiran;
PRO 6:17 isaan kun ila tuffi'ii, arraba dharaa, harka dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasu,
PRO 6:18 gadhaa waan hantuu yaadu, miila gara waan hantu'uu fiigu,
PRO 6:19 nama dharaan nama irratti dhugaa bayu, ka obboleeyyan oddu'utti lola kakkaasu.
PRO 6:20 Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu; barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.
PRO 6:21 Yennaa mara gadhaa keeti keessa keyadhu; morma keetille'etti hidhadhu.
PRO 6:22 Isaan yennaa ati ideentu si sooressan; yennaa rattu si eegan; yennaa ati dammaxxu si'itti dubbatan.
PRO 6:23 Ajaji kun issa'a; barsiisi kunille ifa; qajeelfamaan sirreeffamiis karaa jiru'uu ti.
PRO 6:24 Dubartii hantuu irraa, arraba lallaafaa dubartii gaarayyeeffatitti'ii irraa si eega.
PRO 6:25 Gadhaa keeti keessatti dansummaa isi'ii hin halchin; ilti isi'ii si hin booji'in.
PRO 6:26 Gatiin dubartii sagaagaltitti'ii haga xaltaa daabbo'oo ti; dubartiin gaarayyeeffattuun ammoo gatii jiruu teetii si kaffalchiitti.
PRO 6:27 Nami ibidda boba'atti qabatee, woyaan isaa adoo hin gubatin hafuu dandeettu hin jiraa?
PRO 6:28 Yookiin nami kashila irra ijjatee, miilli isaa adoo hin gubatin hafuu dande'u hin jiraa?
PRO 6:29 Nami niitii namaa woliin rafulle akkasuma te'a; nami niitii namaa tuqee adoo hin adabamin hafu hin jiru.
PRO 6:30 Hattichi yennaa beelote, beela ifii bayiisa qofaaf yoo hate, nami isa hin tuffatu.
PRO 6:31 Yoo qabame ammoo, qabeenna inni qabu mara gaafattulle, dachaa torba godhee kaffalaa motii ree?
PRO 6:32 Nami gaarayyeeffatu ammoo qalbii hin qabu; nami gaarayyeeffatu marti ifi balleessa.
PRO 6:33 Inni mada'aa fi salphinna hin dhaggata; qaaniin ijjumaa isa irraa hin baddu.
PRO 6:34 Hinaaffaan abbaa manaa waan aarsituuf, inni yennaa haluu bayu marartii hin qabu.
PRO 6:35 Inni kaffaltii tokkolle hin fudhatu; haga fedhe bacatulle, kennansi aarii isaa hin qabbaneessu.
PRO 7:1 Ilma kiyya, jecha kiyya eegadhu; ajaja kiyya gadhaa keeti keessatti qabadhu.
PRO 7:2 Akka leetuuf, ajaja kiyya eeggadhu; barsiisa kiyyalle akka gumaa ila teetii eeggadhu.
PRO 7:3 Akka qube'ee quba keetitti keyadhu; gadhaa keeti keessatti barreeffadhu.
PRO 7:4 Qarumma'aan, «Ati obboleettii tiyya» jedhi; hubantiille'een, «Ati fira kiyya» jedhii waami.
PRO 7:5 Isaan dubartii gaarayyeeffattuu, ta jechoota gammachiisuun nama qaxafattu irraa si eegan.
PRO 7:6 Gaafa tokko ani karaa foddaa mana kiyyaatiin ala ilaalee,
PRO 7:7 worra yaadaan hin bilchaatin keessaa, dargaggoota oddu'uu, dargaggeessa qalbii hin qanne tokko dhagge.
PRO 7:8 Inni karaa cinaa mana dubartii takkaa geessu gula, gara mana isi'ii ideemiisatti jiraayyu.
PRO 7:9 Yennaan sun aduun seentee, galgala dimimmisa halkan dukkana keessa.
PRO 7:10 Achiin duuba dubartittiin gad isatti baate; isiin akka sagaagaltu'uu uffattee nama dokonkorsiisaaf mala qaddiiyyu.
PRO 7:11 Isiin ta ila gad hin qabanne, mati-jabeetti'i; isiin ijjumaa mana hin teettu.
PRO 7:12 Takka karaa irra, takka woldeennaa kara'aa irra cinaa karaa maraa irra dhaabbattee eeggatti.
PRO 7:13 Isiin isa qaddee, sunqattee, fokkoo malee, isaan,
PRO 7:14 «Ani kennansa tokkumma'aa qaba; adha waan waadaa gale muummesseera.
PRO 7:15 Maarre ani si fudhatiisaaf gad baye; ani si dhaggiisaaf dharra'eeruun, kunoo si dhagge.
PRO 7:16 Ani woyaa quncee talba'aa ta biyya Gibxi'iititti seefantee hujante, taqee tiyya irra afeera.
PRO 7:17 Taqee tiyyatti fiqiree, qumbii, dakkaraa fi qurunfudii irraa hujante itti biifeera.
PRO 7:18 Koy, haga latti bariitutti jaalala keenna dheebuu baanaa ti; jaalalaan ifii gammachiinnaa ti.
PRO 7:19 Dhirsi kiyya mana hin jiru; inni fagoo deemeera.
PRO 7:20 Inni beesee guddoo fudhatee deemeera; haga ji'i goobanutti deebi'ee hin galu» jette.
PRO 7:21 Isiin jechoota gammachiisuun karaa irraa isa gorsite; dubbii damma dibiisaan isa dokonkorsite.
PRO 7:22 Yoosuma inni akka sangaa gara qalamu deemuu, akka gadansa gara fonxoro'oo deemuu, isii gula deeme.
PRO 7:23 Haga daayi tiruu isaa woraanutti, akka sinbirreen kaatee tiyyoo seentu, innille wonni kun lubbuu isaatitti akka dhuttu hin beenne.
PRO 7:24 Ammalle ilmaan tiyya, na caqasa'a; waan ani jedhulle itti xiyyeeffadha'a.
PRO 7:25 Gadhaan keessan gara karaa isi'ii hin deebi'in; daandii isi'ii gula ideentanee karaa irraa hin gorina'a.
PRO 7:26 Isiin namoota hedduu madeessitee jissiteerti; namoota bindillaalle ijjeetteerti;
PRO 7:27 Manni isi'ii karaa addee worri du'e jiru, ka gara awwaalaa gad geessu.
PRO 8:1 Qarummaan hin waantuu ree? Hubantiin qoonqoo ol hin qabattuu ree?
PRO 8:2 Isiin kooba karaa biraa gubbaa, addee qaxxaamura kara'aa dhaabbatti.
PRO 8:3 Karra gara qacha'aa seenanu biraa, addee seensuma qacha'aatii, qoonqoo ifii ol qabattee iyyaa,
PRO 8:4 «Ee namoota, ani isin waama; qoonqoo tiyya ol qabadhee ilmaan namaa mara waama.
PRO 8:5 Isin worri hin bilchaatin qarummaa qabaadha'a; isin worri gowwaan hubantii qabaadha'a.
PRO 8:6 Ani waan bu'aa qabu dubbataaraa caqasa'a; waan sirrii te'e dubbatiisaaf afaan kiyya saaqadha.
PRO 8:7 Afaan kiyya dhugaa dubbata; arrabi kiyya waan hantuu jibba.
PRO 8:8 Jechooti afaan kiyyaa marti haqa; isaan keessaa daddabaan yookiin micciiramaan hin jiru.
PRO 8:9 Worra hubantii qabuuf, marti isaaniituu ifa; worra beekkumsa qabuuf dokonkora hin qabu.
PRO 8:10 Meetii caalaa gorsa kiyya, worqii qulqulluu caalaalle beekkumsa filadha'a.
PRO 8:11 «Qarummaan dooqa diimaa waan caaltuuf, wonni ati halchitu marti isii woliin wol hin qixxoottu.
PRO 8:12 «Ani qarummaan, malaammessummaa woliin jiraadha; beekkumsii fi qalbeeffatiis kiyya.
PRO 8:13 Mootii Waan Maraa sodaatiis waan hantuu jibbiisa; ani kooraa fi bondhooriisa, karaa hama'aa fi dubbii micciirantuu jibba.
PRO 8:14 Gorsii fi muraan haqaa tiyya; ani hubanti'ii fi hunnalle hin qaba.
PRO 8:15 Moototi anaan mootii te'an; bulchitootille anaan seera haqaa baasan.
PRO 8:16 Bulchitooti, qondaaltoti biyya bulchanu martinuu anaan biyya bulchan.
PRO 8:17 Ani worra na jaalatu hin jaaladha; worri na barbaadatu na hin dhagga.
PRO 8:18 Durumma'aa fi ulfinni, qabeenni hin dabarree fi milkiin na bira jiran.
PRO 8:19 Midhaan kiyya worqii qulqulluu caala; kennansi kiyya meetii qullittii caala.
PRO 8:20 Ani karaa balchumma'aa irra, daandii haqaa irra ideema.
PRO 8:21 Worra na jaalatuuf qabeenna hin kenna; gootaraa isaaniille hin guuta.
PRO 8:22 «Mootiin Waan Maraa, hujii ifii ta durii durii san maraan dura, ana qarummaa dade.
PRO 8:23 Jalqaba bara durii durii, biyyi lafaa adoo hin dadamin ani muudame.
PRO 8:24 Yennaa abbaayaan gugurdoon hin jirre, yennaa maddi bisaaniituu hin jirre ani dhaladhe.
PRO 8:25 Gaarotaa fi kooboti adoo hin dadamin dura ani dhaladhe.
PRO 8:26 Waaqi lafa yookiin diida adoo hin dadin dura, yookiin biyyee biyya lafaa takkaalle adoo hin dadin ani dhaladhe.
PRO 8:27 Yennaa inni abbaaya'aan gubbaa ol-gubbaa diriirse, ani achi jiraayyu.
PRO 8:28 Yennaa inni gubbaa irratti duumensa dade, yennaa inni madda abbaaya'aa dade,
PRO 8:29 bisaan ajaja isaa irra akka hin dabarre, yennaa inni meessaa abbaayota gugurdo'oo tolche, yennaa inni meessaa hundee lafaa tolche, ani achi jiraayyu.
PRO 8:30 Ani yennaa san akka ogeessa guddichaa te'ee, isa woliin achi jiraayyu. Ani yennaa mara isa duratti gammadaa, guyyuma guyya'aan isa gammachiisaa tureeyyu.
PRO 8:31 Ani biyya lafaa ta isaa duudi'iin firinxiixaa, nama maraan gammadaa tureeyyu.
PRO 8:32 «Ammalle ilmaan tiyya, na caqasa'a; worri karaa kiyya eegatu ka gammade.
PRO 8:33 Gorsa kiyya caqasa'aatii, qaroo te'a'a; gorsa kiyya cadhittanee hin ilaalina'a.
PRO 8:34 Nami na caqasu, ka guyyuma guyya'aan balbala tiyya duratti dammaqee, karaa balbala tiyyaa duratti na eegatu ka gammade.
PRO 8:35 Nami na dhaggatu jiruu dhaggata; Mootii Waan Maraa biralle'etti fudhatama qabaata.
PRO 8:36 Nami na dhabu ifi miidha; nami na jibbu marti du'a jaalata» jetti.
PRO 9:1 Qarummaan mana ifii ijaarratteerti; isiin utuboota mana ifii torba boccee dhaabbatteerti.
PRO 9:2 Isiin horii qaltee, daadhii woyni'ii naxxee, sagaleelle qopheessiteerti.
PRO 9:3 Qachaa keessa kooba irra dhaabbatanee, akka waamanuuf, isiin dubartoota tajaajiltoota ifii ergitee,
PRO 9:4 «Nami yaadaan hin bilchaatin marti as kowa'aa seena'a!» jetti; worra qalbii hin qannelle'een,
PRO 9:5 «Kowa'a, sagalee tiyya nyaadha'a; daadhii ani naqelle una'a.
PRO 9:6 Isin jiru'uun hin jiraattaniitii, karaa gowwumma'aa lakkisa'a; karaa hubanti'ii irra ideema'a» jetti.
PRO 9:7 Nami murgaamessa gorsu, arraba fudhata; nami nama hamaa xixu qaanii ifitti fida.
PRO 9:8 Nama murgaamessa yoo gorsite si hin jibba; nama qaroo yoo xixxe si hin jaalata.
PRO 9:9 Nama qaroo gorsi inni irra caalaa qaroo hin te'a; nama balchaa barsiisi, inni beekkumsa itti hin ede'ata.
PRO 9:10 Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa; Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.
PRO 9:11 Qarummaan bara jiruu teetii hin baceessiti; woggoota jiruu teetii itti sii edeeti.
PRO 9:12 Qaroo yoo teete, bu'aan isi'ii teetuma; ati yoo murgaamessa teete ifuma miita.
PRO 9:13 Dubartiin gowwittiin dubbattitti'i; isiin daalle'e; beekkumsa hin qaddu.
PRO 9:14 Isiin qachaa keessa kooba irra, balbala mana ifii dura barcumaa irra teetti.
PRO 9:15 Worra karaa san dabaru, ka qajeelee karaa ifii deemu waantee,
PRO 9:16 «Isin worri yaadaan hin bilchaatin, as gora'a» jetti; worra qalbii hin qannelle'een,
PRO 9:17 «Bisaan hannaa hin mi'owa; sagaleen dhokaataan nyaatanu, hin kurootti» jetti.
PRO 9:18 Isaan ammoo worri du'e akka achi jiru, worri isiin waantelle, qilee addee worri du'e jiruu keessa akka jiranu hin beekanu.
PRO 10:1 Fakkeenni Solomoonii ka asii gad jiru: ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa; ilmi gowwaan haadha ifii gaddisiisa.
PRO 10:2 Qabeenni karaa hin malleen dhaggame bu'aa hin qabu; balchummaan ammoo du'a jalaa nama baatti.
PRO 10:3 Mootiin Waan Maraa worri balchaan akka beelotanu hin godhu; worra hamaa ammoo waan halchane akka isaan hin dhagganne hin godha.
PRO 10:4 Harki boosenni nama hiyyoonsa; harki jabaatee huju ammoo nama duroonsa.
PRO 10:5 Worri yenna'aan midhaan galfatu qaro'o; worri yennaa midhaan galfatiisaa rafu ammoo hin salphata.
PRO 10:6 Eebbi mataa balchootaa irra jira; worri hunnaan nama irratti ka'u dubbii dansa'aan hunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan.
PRO 10:7 Yaadannoon nama balcha'aa eebbaaf hin teeti; maqaan nama hama'aa ammoo hin dedhama.
PRO 10:8 Nami gadhaa ifii keessatti qaro'oo seera fudhata; nami gowwaan dubbattichi ammoo gara badi'ii deema.
PRO 10:9 Nami haqaan ideemu nageyaan le'a; nami karaa micciiramaa gula deemu ammoo hin saaxilama.
PRO 10:10 Nami ilaan qiphifatu rakkinna fida; nami gowwaan dubbattichi ammoo gara badi'ii deema.
PRO 10:11 Afaan nama balcha'aa madda jiru'uu ti; worri hunnaan nama irratti ka'u ammoo dubbii dansa'aan hunnaan nama irratti ka'iisa ifii gollatan.
PRO 10:12 Jibbi lola kaasa; jaalalli ammoo yakkaa mara golla.
PRO 10:13 Qarummaan afaan qaroole'ee irra jirti; adabbiin ammoo dudda gowwoole'ee irra jirti.
PRO 10:14 Qarooleen beekkumsa tuulatti; dubbiin gowwa'aa ammoo badii fiddi.
PRO 10:15 Qabeenni dureeyyi'iif qachaa dalleya dhaka'aa qabu; hiyyummaan ammoo badii hiyyeeyyi'ii ti.
PRO 10:16 Gatiin eloo balcha'aa jiru'u; bu'aan nama hama'aa adabbi'i.
PRO 10:17 Nami gorsa fudhatu karaa jiru'uu namatti mudhisa; nami xixicha tuffatu ammoo karaa irraa nama milissa.
PRO 10:18 Nami jibba ifii dhoffatu dharaamessa; nami hamii odeessu gowwa'a.
PRO 10:19 Jechoota bacaa keessaa, cubbuun hin dhabantu; nami arraba ifii eegatu ammoo qaro'o.
PRO 10:20 Dubbiin nama balcha'aa akka meetii qullu'uu ti; yaadi nama hama'aa ammoo gatii hin qabu.
PRO 10:21 Afaan nama balcha'aa nama hedduu areera; worri gowwaan ammoo qalbii dhabiisaan du'a.
PRO 10:22 Eebbi Mootii Waan Maraa durummaa kenna; inni rakkinna isi'itti hin dabalu.
PRO 10:23 Nami gowwaan waan hantuu hujiisatti gammada; nami hubantii qabu ammoo qarumma'atti gammada.
PRO 10:24 Nama hamaa waan inni guddoo sodaatutti itti dhufa; nama balchaa ammoo waan inni guddoo halchutti isaaf kennama.
PRO 10:25 Hobonbolattiin yennaa kaatu, worra hamaa haxoottee dabarti; worri balchaan ammoo haga bara baraa jabaatee dhaabbata.
PRO 10:26 Wonni dhangaggowu ilkaan, aarrille ila akkuma rakkisu, nami booseyille nama isa ergatu rakkisa.
PRO 10:27 Mootii Waan Maraa sodaatiis jiruu dheeressa; woggaan nama hama'aa ammoo gabaaddu'u.
PRO 10:28 Addiin worra balcha'aa gammada; addiin worra hama'aa bu'aa hin qaddu.
PRO 10:29 Karaan Mootii Waan Maraa worra balcha'aaf gollaa jaddu'u; worra hantuu hujuuf ammoo badi'i.
PRO 10:30 Worri balchaan ijjumaa hin munyuuqu; worri hamaan ammoo lafa irratti hin hafu.
PRO 10:31 Afaan worra balcha'aa qarummaa dubbata; arrabi dubbii micciiru ammoo hin murama.
PRO 10:32 Afaan worra balcha'aa dubbii toltu beeka; afaan worra hama'aa ammoo micciiriisa qofa beeka.
PRO 11:1 Mootiin Waan Maraa madaala sobaa jibba; dhakaa madaalaa ka sirrii te'etti gammada.
PRO 11:2 Koorri yennaa dhufu, salphinni hin dhufa; gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti.
PRO 11:3 Worri qajeelaan komii dhabiisaan qajeelfaman; worri hin addatanne ammoo maltumma'aan badan.
PRO 11:4 Guyyaa mura'aa durummaan bu'aa hin qaddu; balchummaan ammoo du'a irraa si hamburti.
PRO 11:5 Worra komii hin qanne balachummaan karaa isaanii qajeelchiti; worri hamaan ammoo hammeennuma ifiitiin jiga.
PRO 11:6 Nama qajeelaa balchumma'atti isa baasa; worri hin addatanne ammoo halchuma ifii hantu'uun qabaman.
PRO 11:7 Nami hamaan yennaa du'u, addiin isaalle hin baddi; durummaan inni addatu womaa isaaf hin baatu.
PRO 11:8 Nami balchaan rakkoo jalaa hin baya; nami hamaan ammoo addee isaa rakkinnatti hin gala.
PRO 11:9 Nami hamaan dubbii afaan ifiitiin nama balleessa; nami balchaan beekkumsa ifiitiin baya.
PRO 11:10 Worra balcha'aaf yennaa milkoottu, kolbaan qacha'aa hin firinxiixi. Worri hamaan yennaa badu, isaan hin ilillisan.
PRO 11:11 Eebba worra balcha'aatiin qachaan tokko guddata; dubbii afaan worra hama'aatiin ammoo hin bada.
PRO 11:12 Nami qalbii hin qanne nama tuffata; nami qalbii qabu ammoo cadhi jedha.
PRO 11:13 Nami hamatu dhossaa eegee hin dande'u; nami addatamaan ammoo dhossaa eega.
PRO 11:14 Gorsitooti yoo hin jiraatin mootummaan takka hin jiddi; gorsitooti hedduun yoo jiraatte ammoo nageyaan jiraatti.
PRO 11:15 Nami alaga'aaf wobii te'u hin rakkata; nami wobii te'iisa jibbu ammoo nageyaan hin jiraata.
PRO 11:16 Dubartiin arjaan ulfinna hin dhaggatti; worri hunnaan nama irratti ka'u ammoo durummaa qofa dhaggata.
PRO 11:17 Gadhi-laafessi ifumaaf bu'aa dhaggatta; gadhi-jabeessi ammoo ifuma miidha.
PRO 11:18 Nami hamaan bu'aa isa sobu dhaggata; nami balchumma'aan huju ammoo gatii addachiittuu dhaggata.
PRO 11:19 Nami dhugumaan balchaa te'e jiru'uun hin le'a; nami waan hantuu ari'u ammoo hin du'a.
PRO 11:20 Mootiin Waan Maraa worra yaada micciirama'aa jibba; worra komii hin qannetti ammoo hin gammada.
PRO 11:21 Dhugumaan nami hamaan adoo hin adabamin hin hafu; worri balchaan ammoo adabbii jalaa hin baya.
PRO 11:22 Dubartiin shaggittiin qalbii hin qanne, akka qubee worqi'ii ta funnaan booyye'ee irra jirtuu ti.
PRO 11:23 Halchaan nama balcha'aa waan dansaa qofaan muummotti; halchaan nama hama'aa ammoo mufi'iin muummotti.
PRO 11:24 Nami gariin toluma karra ifii namaaf kenna; ammoo irra caalaa duroomaa deema; nami gariin akka malee donnooma; ammoo hiyyoommataatuma deema.
PRO 11:25 Nami arjaan hin durooma; nami dheebuu nama baasulle ifille'eef dheebuu hin baya.
PRO 11:26 Nama midhaan kuufatee tursu kolbaan hin abaarti; nami midhaan baasee gurguratu ammoo eebba dhaggata.
PRO 11:27 Nami waan dansaa jabaatee barbaadu, waan dansaa dhaggata; nami waan hantuu barbaadu ammoo waan hantuu dhaggatta.
PRO 11:28 Nami durummaa ifiititti addatu hin jiga; nami balchaan ammoo akka baala jiidha'aa hin bisila.
PRO 11:29 Nami maatii ifii rakkisu, harka duwwaa hin hafa; gowwaan tajaajilaa qaro'oo hin te'a.
PRO 11:30 Hujiin nama balcha'aa muka jiru'uu ti; nami barsiisee lubbuu namaa deebisu qaro'o.
PRO 11:31 Worri balchaan lafa irratti gatii hujii ifii akkuma dhaggatanu, worri Waaqa malee le'uu fi worri cubbaaleyyiille lafa irratti akkasuma gatii hujii ifii hin dhaggatan.
PRO 12:1 Nami qajeelfama jaalatu, beekkumsa jaalatta; nami xixicha jibbu ammoo gowwa'a.
PRO 12:2 Nami dansaan Mootii Waan Maraa biratti fudhatama hin dhaggata; worra yaada hama'aa ammoo Mootiin Waan Maraa itti hin mura.
PRO 12:3 Nami karaa hama'aan jabaatee dhaabbatuu hin dande'u; balchaan ammoo adde'ee hin tacho'u.
PRO 12:4 Niitiin qalbeeffattuun dhirsa ifiitiif akka kallachaa ti; ta isa qaanessitu ammoo akka dhukkuba lafee nyaatuu ti.
PRO 12:5 Yaadi worra balcha'aa yaada haqaa ti; gorsi worra hama'aa ammoo nama soba.
PRO 12:6 Jechi nama hama'aa dhiiga dhangalaasiisa; jechi nama balcha'aa ammoo dhiiga dhangalaasiisa jalaa baasa.
PRO 12:7 Namooti hamaaleyyiin hin badan; deebi'aneelle hin dhaggamanu. Maatiin worra balcha'aa ammoo jabaattee dhaabbatti.
PRO 12:8 Nami akkuma qarummaa ifiititti leellifama; nami qalbii micciirama'aa ammoo hin tuffatama.
PRO 12:9 Nama sagalee nyaatu adoo hin qabaatin, nama guddaa ifi fakkeessuu mannaa, nama ifi gad qabee hojjataa te'ee le'u woyya.
PRO 12:10 Nami balchaan horii ifiitiif hin marara; nami hamaan ammoo yennaa mara gadhaa jabaata.
PRO 12:11 Nami jabaatee lafa qotu sagalee bacaa hin qabaata; ka waan bu'aa hin qanne ari'u ammoo gowwa'a.
PRO 12:12 Nami hamaan waan worri hamaan saame kajeela; nami balchaan ammoo horee bacata.
PRO 12:13 Nami hamaan jechuma hamaa ifiitiin qabama; nami balchaan ammoo rakkinna jalaa hin baya.
PRO 12:14 Nami waan afaan isaa keessaa bayuun waan dansaa quufa; akkuma hujii harka ifiititti gatii isaaf malte fudhata.
PRO 12:15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; nami qaroon ammoo gorsa caqasa.
PRO 12:16 Aariin nama gowwa'aa yoosuma beekkanti; nami qalbeeffataan ammoo arraba tuffatee lakkisa.
PRO 12:17 Dhugaa bayaan dhugaamessi, dubbii dhuga'aa dhugaa baya; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo soba dubbata.
PRO 12:18 Dubbiin gar-maleen akka shallaaga'aa nama woraanti; arrabi nama qaro'oo ammoo nama fayyisa.
PRO 12:19 Afaan dhuga'aa haga bara baraa jiraata; arrabi sobaa ammoo yennaa diqqoo qofa jiraata.
PRO 12:20 Gadhaa worra waan hantuu maluu keessa sobatti jira; worri waan nageyaa namatti gorsu ammoo hin gammada.
PRO 12:21 Nama balchaa rakkinni itti hin dhufu; nama hamaa ammoo rakkinni itti bacata.
PRO 12:22 Mootiin Waan Maraa afaan dhara dubbatu jibba; namoota dhugaammeyyi'itti ammoo hin gammada.
PRO 12:23 Nami qalbeeffataan beekkumsa ifii dhoffata; namooti gowwaan ammoo gowwummaa ifii mudhifatan.
PRO 12:24 Nami jabaatee hujatu bulchaa hin te'a; nami boosenni ammoo garbicha namaa hin te'a.
PRO 12:25 Mami gadhaa namaa keessa yoo jiraate gad nama qaba; jechi dansaan ammoo nama gammachiisa.
PRO 12:26 Nami balchaan karaa namaaf akeeka; nami hamaan ammoo karaa irraa nama qaba.
PRO 12:27 Nami boosenni foon adamo'oon fideeyyuu hin bilcheeffatu; nami jabaatee huju ammoo waan gatii qabu hin dhaggata.
PRO 12:28 Karaa balchumma'aa irra jiru'utti jira; daandii san irra duuti hin jirtu.
PRO 13:1 Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata; ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage'u.
PRO 13:2 Nami waan dansaa afaan isaa keessaa bayu irraa, waan dansaa dhaggata; worri hin addatanne ammoo hunnaan nama irratti ka'iisaaf halchan.
PRO 13:3 Nami afaan ifii eegatu, jiruu ifii eegata; ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.
PRO 13:4 Nami boosenni hin halcha malee womaa hin dhaggatu; nami jabaatee huju ammoo waan halche hin dhaggata.
PRO 13:5 Nami balchaan dhara jibba; nami hamaan ammoo qaani'ii fi salphinna fida.
PRO 13:6 Balchummaan nama yakkaa hin qanne eeddi; hammeenni ammoo cubbaalessa balleessa.
PRO 13:7 Nami womaa adoo hin qabaatin dureessa ifi fakkeessu tokko jira; ka dhibiin ammoo qabeenna guddaa adoo qabuu hiyyeessa ifi fakkeessu tokko jirra.
PRO 13:8 Nami dureessi karra ifiitiin jiruu ifii wodatiisa dande'a fa'a te'a; nami hiyyeessi ammoo karra waan hin qanneef, jiruu ifii wodatiisaaf itti hin rakkatu.
PRO 13:9 Ifi worra balcha'aa yennaa mara ifa; issaan nama hama'aa ammoo hin dhaama.
PRO 13:10 Ifi jajiis lola qofa kaasa; qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.
PRO 13:11 Karri ariiti'iin dhaggatane ariifattee baddi; ka diqqeessee diqqeessee kuufate ammoo itti ede'ata.
PRO 13:12 Addiin yennaa turte gadhaa nama gaddisiitti; halchaan muummotte ammoo midhaan muka jiru'uu ti.
PRO 13:13 Nami gorsa tuffatu badii ifi irratti fida; nami ajaja ulfeessu ammoo gatii irraa dhaggata.
PRO 13:14 Barsiisi nama qaro'oo madda jiru'uu ti; tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.
PRO 13:15 Qalbeeffati dansaan ulfinna namaaf kenniti; karaan worra hin addatannee ammoo bu'aa-bayi'i.
PRO 13:16 Nami qalbeeffataan beekkumsaan hujata; gowwaan ammoo gowwummaa ifii badhinnatti mudhisa.
PRO 13:17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa gala; ergamaan addatamaan ammoo nageya buusa.
PRO 13:18 Nama qajeelfama tuffatu hiyyumma'aa fi salphinnatti itti dhufa; nami xixicha dhage'ee deebi'uu ammoo hin ulfaata.
PRO 13:19 Halchaan muummottu namatti mi'ootti; gowwooleen ammoo waan hantuu irraa deebi'iisa jibban.
PRO 13:20 Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te'a; waa'elli gowwa'aa ammoo hin farra.
PRO 13:21 Wonni hantuun cubbaaleyyii ariiti; qananummaan ammoo gatii balcha'aa ti.
PRO 13:22 Nami dansaan ijoollee ijoollee ifiitiif dhaala lakkisee dabara; qabeenni cubbaalessaa ammoo balcha'aaf kuufama.
PRO 13:23 Fichaan nama hiyyeessaa midhaan bacaa kennuu dande'a; haqa dhabiisi ammoo haxowee duraa balleessa.
PRO 13:24 Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba; ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.
PRO 13:25 Nami balchaan haga quufutti nyaata; nami hamaan yennaa mara beelota.
PRO 14:1 Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti; dubartiin gowwaan ammoo harkuma ifiitiin mana ifii diiddi.
PRO 14:2 Nami karaa qajeelaa ideemu Mootii Waan Maraa sodaata; ka karaan isaa micciirama'aa ammoo isa tuffata.
PRO 14:3 Nama gowwaa dubbuma isaatitti adabbii isatti fida; nama qaroo ammoo afaan isaatitti isa eega.
PRO 14:4 Lafa qotiyyoon hin jirre gootaraan duwwaa hin te'a; hunna qotiyyo'ootiin ammoo midhaan hin bacata.
PRO 14:5 Dhugaa bayaan dhugaammessi hin sobu; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo dhara dubbata.
PRO 14:6 Nami murgaamessi qarummaa hin barbaada; garuu hin dhaggatu; worra qalbeeffataa ammoo beekkumsa dhaggatiisi hin dhibu.
PRO 14:7 Afaan isaa irraa beekkumsa waan hin dhagganneef, nama gowwaa irraa fagaadhu.
PRO 14:8 Qarummaan nama qalbeeffata'aa karaa irraa akka hin gorre tolchiti; gowwummaan nama gowwa'aa ammoo karaa irraa gorsiti.
PRO 14:9 Gowwooleen ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatutti murgan; odduu worra qajeela'aa ammoo fedhii dansa'atti jira.
PRO 14:10 Nami martinuu gammadaa fi gadda hadhowaa ifii hin beeka; ka isa woliin qoodamu hin jiru.
PRO 14:11 Manni worra hama'aa hin jiga; qe'een worra qajeela'aa ammoo hin badhatti.
PRO 14:12 Karaan sirrii namatti fakkaatu jira; muummeen isaa ammoo gara du'aa geessa.
PRO 14:13 Kolla keessaayyuu gaddi jiraachuu dande'a; gammadi gaddaan muummowuu dande'a.
PRO 14:14 Nami hamaan gatii hammeenna ifii hin fudhata; nami dansaalle gatii hujii dansaa ifii hin fudhata.
PRO 14:15 Gowwaan waan mara dhugeeffata; qalbeeffataan ammoo ijjata ifii hin ilaallata.
PRO 14:16 Nami qaroon waan hantuu sodaatee irraa hin deebi'a; nami gowwaan ammoo ifi hin eegatu; hin ariifatalle'e.
PRO 14:17 Nami dafee aaru waan gadhee huja; nami mala namatti dhowu hin jibbatama.
PRO 14:18 Nami hin bilchaatin gowwummaa dhaala; nami qalbeeffataan beekkumsa akka kallachaa keyata.
PRO 14:19 Worri hamaan worra dansaa duratti, worri cubbaaleyyiin karra worra balcha'aa duratti gad hin jedhan.
PRO 14:20 Hiyyeessi ollaa ifiitiinuu hin jibbatama; dureessi ammoo jaalota hedduu qaba.
PRO 14:21 Nami nama tuffatu cubbaalessa; nami hiyyeessaaf nayu ka gammade.
PRO 14:22 Worri mala hamaa dhowu karaa irraa goranii motii ree? Worri mala dansaa dhowu ammoo hin jaalataman; hin addatamanille'e.
PRO 14:23 Jabaatanee hujiis bu'aa qaba; oduu callaa odeessiis ammoo gara hiyyumma'aa qofa nama geessiti.
PRO 14:24 Qananummaan kallacha qaroole'ee ti; gowwummaan ammoo seesa gowwoole'ee ti.
PRO 14:25 Dhugaa bayaan dhugaammessi jiruu fayyisa; dhugaa bayaan dharaamessi ammoo hin soba.
PRO 14:26 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu kushee jadduu qaba; ijoollee isaatiifille addee itti baqattu hin teeti.
PRO 14:27 Mootii Waan Maraa sodaatiis madda jiru'uu ti; tiyyoo du'aa irraa nama deebisa.
PRO 14:28 Ulfinni mooti'ii bacinna kolba'aa ti; kolbaan yoo hin jiraatin ammoo inni hin bada.
PRO 14:29 Nami ossatu hubantii guddoo qaba; nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.
PRO 14:30 Yaadi nageyaa jiruu nafaaf kenna; hinaaffaan ammoo lafee tortorsa.
PRO 14:31 Nami hiyyeessa cunqursu ka isa dade tuffata; ka hiyyeeyyi'iif nayu ammoo Waaqaaf ulfinna kenna.
PRO 14:32 Nami hamaan hammeenna ifiitiin bada; nami balchaan du'a keessalle'etti addee itti baqatu qaba.
PRO 14:33 Qarummaan gadhaa worra woy hubatuu keessa leeti; isiin gadhaa gowwootaa keessatti ammoo hin beekkantu.
PRO 14:34 Balchummaan kolbaa ol qaddi; cubbuun ammoo kolbuma mara salphitti.
PRO 14:35 Mootiin tajaajilaa qaro'otti hin gammada; ka isa fokkisiisutti ammoo hin mufata.
PRO 15:1 Deebiin dansaan aarii qabbaneessiti; jechi jabaan aarii kakkaasa.
PRO 15:2 Arrabi qaro'oo beekkumsa saada; afaan gowwa'aa ammoo gowwummaa dubbata.
PRO 15:3 Ilti Mootii Waan Maraa addee mara jirti; waan hantu'uu fi dansaalle hin dhaggiti.
PRO 15:4 Arrabi dansaan muka jiru'uu ti; arrabi dabaan ammoo yaada namaa cassa.
PRO 15:5 Gowwaan gorsa abbaa ifii tuffata; nami xixicha dhage'u ammoo qarummaa mudhisa.
PRO 15:6 Mana nama balcha'aa keessa qabeenna gudda'atti jira; bu'aan nami hamaan dhaggatu ammoo rakkoo itti fiddi.
PRO 15:7 Afaan qaro'oo beekkumsa facaasa; qalbiin gowwa'aa ammoo akkasii moti.
PRO 15:8 Mootiin Waan Maraa ciincaa worra hama'aa hin jibba; daadimati worra qajeela'aa ammoo isa gammachiisa.
PRO 15:9 Mootiin Waan Maraa karaa worra hama'aa hin jibba; worra balchummaa gula deemu ammoo hin jaalata.
PRO 15:10 Nama daandii irraa goru adabbii jaddu'utti eegata; ka xixicha jibbulle hin du'a.
PRO 15:11 Addeen worri du'e jiruu fi addeen badi'ii Mootii Waan Maraa duratti eega beekkantee, gadhaan namaa attam attam irra caalaa hin beekkanne ree?
PRO 15:12 Nami murgaamessi xixamuu hin jaalatu; inni nama qaroolle gorsa hin gaafatu.
PRO 15:13 Nami gadhaan isaa gammade fuula ifa; nami gadhaan isaa gadde ammoo yaada caba.
PRO 15:14 Qalbiin nama hubantii qabuu beekkumsa barbaaddi; afaan nama gowwa'aa ammoo gowwummaa raama.
PRO 15:15 Hiyyeessaaf guyyaan marti hama'a; gadhaa gammada qabuuf ammoo guyyaan marti jila.
PRO 15:16 Qabeenna guddaa hogaa qabuu mannaa, qabeenna diqqaa qabaatanee Mootii Waan Maraa sodaataa le'iisa woyya.
PRO 15:17 Addee jibbi jirutti cooma sanga'aa nyaatiisaa mannaa, addee jaalalli jirutti shaanaa nyaatiisa woyya.
PRO 15:18 Nami dafee aaru lola kaasa; nami ossatu ammoo lola qabbaneessa.
PRO 15:19 Karaan nama booseyaa qore'een cufameera; karaan nama qajeela'aa ammoo gufuu hin qabu.
PRO 15:20 Ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa; nami gowwaan ammoo haadha ifii tuffata.
PRO 15:21 Nama gowwaa gowwumma'atti gammachiisa; nami qaroon ammoo karaa qajeelaa deema.
PRO 15:22 Gorsi yoo hin jiraatin karoorri hin milkowu; gorsitooti yoo heddatte ammoo karoorri hin milkowa.
PRO 15:23 Nami deebii malte namaaf deebisiisaan gammada; dubbiin yennaa isi'ii maltetti dubbatantu attam attam dansa'a!
PRO 15:24 Karaan nama qaro'oo addee worri du'e jirutti akka inni gad hin buuneef, gara jiru'uutitti ol isa geessa.
PRO 15:25 Mootiin Waan Maraa mana worra kooruu hin diiga; meessaa haadha hiyyeessaa ammoo hin eega.
PRO 15:26 Mootiin Waan Maraa yaada worra hama'aa hin jibba; yaadi worra qulqullu'uu ammoo isa gammachiisan.
PRO 15:27 Nami joljolaan maatii ifii irratti rakkoo fida; nami safuu jibbu ammoo hin le'a.
PRO 15:28 Gadhaan nama balcha'aa deebii kenniisaan dura itti yaada; afaan nama hama'aa ammoo dubbii hantuu dubbata.
PRO 15:29 Mootiin Waan Maraa nama hamaa irraa fagoo jira; daadimata balcha'aa ammoo hin dhage'a.
PRO 15:30 Fuulli ifaan gadhaa namaa gammachiisa; oduun gammadaa lafee jabeessiti.
PRO 15:31 Nami xixicha jiruu kennu caqasu, qaroolee odduu hin le'a.
PRO 15:32 Nami gorsa tuffatu, ifi tuffata; nami xixicha dhage'u ammoo hubantii dhaggata.
PRO 15:33 Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa; ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.
PRO 16:1 Nami gadhaa ifiititti hin yaadata; yaada san guutuu ka dande'u ammoo Mootii Waan Maraa qofa.
PRO 16:2 Nami akka ifiif ilaalutti karaan isaa marti qulqulluu isatti fakkaata; yaada gadhaa isaa ammoo Mootiin Waan Maraa hin madaala.
PRO 16:3 Waan gootu mara Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu; wonni ati yaaddu marti si'iif hin milkootti.
PRO 16:4 Mootiin Waan Maraa waan mara sababa dadeef qaba; worra hamaaleyyi'iifille inni guyyaa badi'ii qopheesseera.
PRO 16:5 Mootiin Waan Maraa worra kooru hin jibba; isaan ijjumaa adabbii jalaa hin bayanu.
PRO 16:6 Jaalalaa fi addatamumma'aan nama yakkeef araarri godhama; Mootii Waan Maraa sodaatiisaan nami waan hantuu irraa fagaata.
PRO 16:7 Karaan namaa Mootii Waan Maraa yennaa gammachiise, diinoti isaatuu isa woliin nageyaan le'an.
PRO 16:8 Qabeenna bacaa karaa haqa hin te'iniin dhaggatanuu mannaa, qabeenna diqqaa karaa balchumma'aatiin dhaggatanu woyya.
PRO 16:9 Nami gadhaa ifii keessatti karoora hin baafata; Mootiin Waan Maraa ammoo karoora isaa san hin murteessa.
PRO 16:10 Mootiin akka Mootii Waan Maraa dubbata; afaan isaa haqa hin dassu.
PRO 16:11 Madaallii fi safarri sirrii te'e ka Mootii Waan Maraa ti; dhakaan madaalli'ii martinuu hujuma isaa ti.
PRO 16:12 Barcumaan mootumma'aa balchumma'aan waan jabaatuuf, moototi hujii hantuu jibbuu qaban.
PRO 16:13 Moototi dubbii dhuga'aatitti gammadan; nama dhugaa dubbatu jaalatan.
PRO 16:14 Mufiin mooti'ii akka ergamaa du'aa ti; nami qaroon ammoo mufii hin qabbaneessa.
PRO 16:15 Fuulli mooti'ii yennaa ifu jiruun jirti; isa biratti fudhatama dhaggatiis akka rooba furmaataa ti.
PRO 16:16 Worqii dhaggatiisa irra qarummaa dhaggatiis, meetii caalaa hubantii filatiis attam attam caalti!
PRO 16:17 Kolbaan dansaan waan hantuu irraa fagaatti; nami karaa ifii eeggatu jiruu ifii eeggata.
PRO 16:18 Ifi jajuun badiisatti, koorri jigiisatti nama geessa.
PRO 16:19 Worra kooru woliin boojuu qoodamiisaa mannaa, worra hiyyeeyyii woliin gad ifi qabiisa woyya.
PRO 16:20 Nami gorsa dhage'u, qananummaa dhaggata; nami Mootii Waan Maraa addatulle hin gammada.
PRO 16:21 Worri qaroon «Qalbeeffattoota» jedhaman; dubbiin mi'oottuun beekkumsa namaaf dabalti.
PRO 16:22 Qarummaan worra isii qabuuf madda jiru'uu ti; gowwummaan ammoo worra gowwa'atti adabbii fiddi.
PRO 16:23 Nami qaroon itti yaadatee dubbata; dubbiin afaan isaa nama barsiitti.
PRO 16:24 Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti; namatti mi'ootti; lafee namaatiifille fayyinna kenniti.
PRO 16:25 Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira; dhuma irratti ammoo gara du'aa geessa.
PRO 16:26 Fedhiin sagale'ee akka nami jabaatee huju gooti; beeltille huji'itti isa kakkaachi.
PRO 16:27 Nami badaan waan hantuu mala dhowa; dubbiin isaalle akka ibiddaa nama guddi.
PRO 16:28 Nami micciiramaan lola kaasa; nami nama hamatu jaalota gargar baasa.
PRO 16:29 Nami hunnaan nama irratti ka'u ollaa ifii karaa irraa milissa; daandii dansaa hin teennelle'etti geessa.
PRO 16:30 Nami ilaan qiphifatu hammeenna mala dhowa; ka hidhii ciniinnatulle hammeenna yaadata.
PRO 16:31 Arriin kallacha ulfinnaa ti; isiin jiruu balchumma'aatiin dhagganti.
PRO 16:32 Nama hunnaamessaa mannaa, nama ossataa woyya; nama hunnaan qachaa tokko qabatuu mannaa, nama ifi qabatu woyya.
PRO 16:33 Murtee godhatiisaaf kolbaan hixaa buufatti; waan mara ka murteessu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
PRO 17:1 Mana waan nyaatanuun guutamee, wol dhaba qabuu mannaa, daabboo godduu nageyaa woyya.
PRO 17:2 Tajaajilaan qaroon ilma salphicha irratti bulchaa hin te'a; inni obboleeyyan dhaala qoodantu woliin akka obboleessaa dhaala hin qoodama.
PRO 17:3 Ibiddi worqi'ii fi meetii haga ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo gadhaa namaa haga ilaala.
PRO 17:4 Nami hamaan waan hantuu caqasa; nami dharaamessi dubbii dharaamessaa miidhassee caqasa.
PRO 17:5 Nami worra hiyyeeyyi'itti murgu, ka isaan dade arrassa; nami badii namaatitti gammadu, adoo hin adabamin hin hafu.
PRO 17:6 Ilmaan ilmaan isaanii maanguddootaaf kallacha isaanii ti; worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
PRO 17:7 Dubbiin dansaan nama gowwa'aaf hin teetu; dubbiin dharaa irra caala'aayyuu bulcha'aaf hin teetu.
PRO 17:8 Safuun nama isii kennuuf akka xano'oo ti; addee dhaqanu maratti waan isaaf milkoottu itti fakkaatti.
PRO 17:9 Nami yakkaa namaaf araaramu, jaala qabaata. Nami dubbii dabartetti deddeebi'u ammoo jaalota gargar baasa.
PRO 17:10 Gowwaan yennaa dhibba dhaanamee ka itti dhage'amu caalaa, xixichi tokko nama qaroo itti dhage'ama.
PRO 17:11 Nami hamaan nama irratti ka'iisa qofa barbaada; isa loliisaaf ergamaan marartii hin qanne tokko hin ergama.
PRO 17:12 Nama gowwaa gowwummaa ifii keessa jirutti dhaqiisa mannaa, doobbaa dhalaa ilmeen jalaa fudhatantetti dhaquu woyya.
PRO 17:13 Nami waan dansaa isaaf godhaneef, waan hantuu yoo deebise, wonni hantuun mana isaa irraa hin fagaattu.
PRO 17:14 Lola jalqabiis akka bisaan hidha qabame cassee yaa'uu ti; tanaaf ati adoo dubbiin hin jalqabin qabbaneessi.
PRO 17:15 Nama yakkaamessa bilisa baasiisaa fi nama balcha'atti muriisa, lamaanuu Mootiin Waan Maraa hin jibba.
PRO 17:16 Gowwaan qarummaa dhaggatiisaaf eega hin halchinee, beeseen inni harka ifiitii qabu maan isaaf gooti ree?
PRO 17:17 Jaalli yennaa mara si jaalata; obboleessille yennaa rakko'ootiif dhalata.
PRO 17:18 Nami qalbii hin qanne tokko wolii galtee jabeessiisaaf, namaan harka wol dhowata; ollaa ifiitiifille wobii dabara.
PRO 17:19 Nami lola jaalatu cubbuu jaalata; nami ifi jaju badii ifitti waama.
PRO 17:20 Nama yaada micciiramaa qabuuf hin milkoottu; nami nama sobulle rakkoo keessa seena.
PRO 17:21 Ilma gowwaa uumatuun gadda namatti fida; abbaan ilma gowwa'aa gammada hin qabu.
PRO 17:22 Gadhaan gammadu akka qorsa dansa'aa ti; yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.
PRO 17:23 Nami hamaan haqa dassiisaaf, dhossa'aan safuu fudhata.
PRO 17:24 Ilti nama qaro'oo gara qarumma'aa ilaalti; ilti nama gowwa'aa ammoo gara mara joonjiti.
PRO 17:25 Ilmi gowwaan gadda abbaa ifiititti fida; haadha isa deettelle jiruu itti hadheessa.
PRO 17:26 Nama yakkaa hin qanne adabuun, yookiin qondaaltota qajeelummaa isaaniitiif dhaanuun dansa'aa moti.
PRO 17:27 Nami beekaan dubbii qusata; nami hubataalle hin sarma.
PRO 17:28 Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata; afaan ifiille yoo qabate akka hubata'aatitti ilaallama.
PRO 18:1 Nami nama woliin wolii hin galle, fedhii ifii qofa gula deemuu barbaada; muraa haqaa maraayyuu hin morma.
PRO 18:2 Nami gowwaan yaada ifii qofaa namatti mudhisuu barbaada malee, hubanti'itti hin gammadu.
PRO 18:3 Hammeenni yennaa dhufu, tuffatamiisille hin dhufa; salphinnalle woliin qaani'itti dhufa.
PRO 18:4 Dubbiin afaan namaa akka bisaan qile'ee ti; maddi qarumma'aa ammoo akka bisaan yaa'uu ti.
PRO 18:5 Nama hama'aaf goluun, yookiin nama yakkaa hin qanne haqa dhoogguun dansa'aa moti.
PRO 18:6 Haasonni nama gowwa'aa lola isatti kaasa; afaan isaalle dhaanamiisa isatti fida.
PRO 18:7 Gowwaa dubbii isaatittuu isa balleessa; afaanuma isaatittuu akka tiyyo'oo isa qaba.
PRO 18:8 Dubbiin nama nama hamatuu akka sagalee mi'oottu'uu ti; isiin gara qochumaanii gad hin buuti.
PRO 18:9 Nami huji'itti booseyu obboleessa nama wo balleessuu ti.
PRO 18:10 Mootiin Waan Maraa akka xelleephoo jaddu'uu ti; worri balchooleen itti baqatanee bayan.
PRO 18:11 Qabeenni dureeyyi'ii isaaniif akka qachaa dalleya dhaka'aa jabaa qabuu ti; isaan akka dalleya dheera'aatitti isa hedatan.
PRO 18:12 Badiisa ifiitiin dura nami hin koora; ulfinnaan dura ammoo gad ifi qabiisatti dhufa.
PRO 18:13 Dubbii adoo hin caqasin deebii kennuun, gowwumma'a; fokko'olle'e.
PRO 18:14 Yaadi namaa dhibee hin ossata; yaadi yoo cabe ammoo eentu isa fayyisuu dande'a ree?
PRO 18:15 Qalbiin nama hubata'aa beekkumsa dhaggatti; gurri nama qaro'oolle beekkumsa barbaada.
PRO 18:16 Kennansi nama isa kennuuf karaa bana; fuula worra gugurda'aa dura isa dhikeessa.
PRO 18:17 Nami isa mormu dhufee haga isa mormutti, nami dura dhufee dubbii ifii yaa'i'itti dhikeeffatu, waan sirrii te'e fakkaata.
PRO 18:18 Hixaa buufatiis moromaa qabbaneessa; wol mormitoota jajjadduu lamaan gargar baasa.
PRO 18:19 Obboleessi yakkaan irratti hujame qachaa dalleya dhaka'aa qabu caalaa jabaata. Moromaan akka danqaraa sibiilaa ka karra dalleya dhaka'aa ittiin cufanuu ti.
PRO 18:20 Nami bu'aa waan afaan isaa keessaa bayuun quufa; dubbii arrabi isaa dubbattelle'een dharraa baya.
PRO 18:21 Arrabi hunna du'aa fi jiru'uu qaba; worri isa jaalatu bu'aa isaa hin nyaata.
PRO 18:22 Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata; Mootii Waan Maraa biralle'ee fudhatama dhaggata.
PRO 18:23 Hiyyeessi marartii dhaggatiisaaf gaafata; dureessi ammoo jabeennaan deebii kenna.
PRO 18:24 Jaaloti gariin nama balleessiti; jaaloti obboleessa caalaa namatti dhikaatanulle ammoo hin jiran.
PRO 19:1 Gowwaa dubbii micciiruu mannaa, hiyyeessa komii male le'u woyya.
PRO 19:2 Beekkumsa adoo hin qabaatin, halchaan callaan dansa'aa moti; nami akka malee ariifatu karaa irraa gora.
PRO 19:3 Nami gowwummaa ifiitiin jiruu ifii balleessa; gadhaa ifii keessatti ammoo Mootii Waan Maraa komata.
PRO 19:4 Durummaan jaala hedduu namaa fiddi; hiyyeessi ammoo jaala ifiituu dhaba.
PRO 19:5 Nami dharaan dhugaa bayu, adoo hin adabamin hin hafu; ka dhara dubbatulle adabbii jalaa hin bayu.
PRO 19:6 Namooti hedduun qondaaltota duratti fudhatama dhaggatiisa barbaadan; nama wo namaa kennuufille martinuu jaala.
PRO 19:7 Nama hiyyeessa firri isaatuu eega jibbee, jaaloti isaa ammoo attam attam caalchisanee isa irraa fagaatanu ree! Inni kadhataa isaan gula deema, isaan ammoo irraa fagaatan.
PRO 19:8 Nami qarummaa qabu lubbuu ifii jaalata; nami hubantii jaalatu hin qananooma.
PRO 19:9 Nami dharaan dhugaa bayu, adoo hin adabamin hin hafu; ka dhara dubbatulle hin bada.
PRO 19:10 Qananummaan gowwa'aaf hin teetu; qondaaltota bulchiisi garbichaaf caala'aayyuu attam attam baddu'u!
PRO 19:11 Qarummaan ossata namaaf kenniti; arraba tuffatanee irra dabariis ulfinna.
PRO 19:12 Aariin mooti'ii akka dhangaa dhowiisa neenqaa ti; fudhatama isa irraa dhaggatiis ammoo akka fixeensa marra irraa ti.
PRO 19:13 Ilmi gowwaan abbaa ifiititti badii fida; haati manaa dubbattittiin akka bokkeya qacacuu ti.
PRO 19:14 Manaa fi durummaa worra irraa dhaalan; haati manaa qalbittiin ammoo kennansa Mootii Waan Maraa ti.
PRO 19:15 Booseyummaan hirriiba hamaa namatti fida; nami hujii malee tee'u beelaan rakkata.
PRO 19:16 Nami ajaja eegatu jiruu ifii eegata; nami karaa Waaqaa tuffatu ammoo hin du'a.
PRO 19:17 Nami hiyyeessaaf gadhaa laafu akka waan Mootii Waan Maraatiif liqeessee ti; Mootiin Waan Maraa gatii isaaf hin kaffala.
PRO 19:18 Deebisiisaaf adoo addiin jirtuu, ijoollee teeti adabi; gad lakkittee akka isaan du'anu hin godhin.
PRO 19:19 Nami akka malee aaru tokko gatii aarii sanii fudhatuu qaba; ati yennaa tokko rakkoo keessaa yoo isa baatte, itti deebi'iis keeti ammalle hin hafu.
PRO 19:20 Gara duraa qaroo akka teetuuf, gorsa caqasi; qajeelfama fudhadhu.
PRO 19:21 Gadhaa namaa keessa Yaada heddu'utti jira; ka te'u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa.
PRO 19:22 Wonni nami barbaadu jaalala bara baraa ti; dharaamessa te'iisaa mannaa, hiyyeessa te'uu woyya.
PRO 19:23 Mootii Waan Maraa sodaatiis gara jiru'uu nama geessa; nami Mootii Waan Maraa sodaatu gabbi jedhee le'a; wonni hantuulle isa hin tuxxu.
PRO 19:24 Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya; gara afaan ifiituu hin deebifatu.
PRO 19:25 Nama murgu dhaani; nami gowwaalle qarummaa hin barata; nama hubataa xixi innille beekkumsa hin dhaggata.
PRO 19:26 Ka abbaa ifii saamu, haadha ifiille ka manaa ari'u, ilma fokko'oo fi salphinna fidu.
PRO 19:27 Ilma kiyya, ati yoo gorsa kiyya dhage'iisa lakkitte, waan beettuuyyuu irraa badda.
PRO 19:28 Dhugaa bayaan dharaa haqa irratti murga; afaan nama hama'aa waan hantuu gad liqinsa.
PRO 19:29 Worra murguuf muraan, worra gowwa'aaf dhaanichi qophoweera.
PRO 20:1 Daadhiin woyni'ii murgaamessa, untoon jadduun xeenxiraa nama gooti; nami isaan kanaan dokonkore qaro'oo moti.
PRO 20:2 Aariin mooti'ii akka neenqa dhangaa dhowuu ti; nami isa aarsulle jiruu ifii dhaba.
PRO 20:3 Wol dhaba irraa fagaatiis ulfinna namaaf kenna; gowwaan yennaa mara lola kaasa.
PRO 20:4 Nami booseyi yenna'aan hin qotatu; yennaa midhaan galfatanu inni midhaan barbaada, ammoo womaa hin dhaggatu.
PRO 20:5 Yaadi gadhaa namaa akka bisaan qilee keessaa ti; nami qalbii qabu ammoo achi keessaa hin woraabbata.
PRO 20:6 Nami hedduun, «Nuuti worra addatama'a» ifiin jedhan; nama addatamaa ammoo eentu dhaggatuu dande'a?
PRO 20:7 Nami balchaan komii malee le'a; ijoolleen isa gula ideentulle ta hiree dansaa qaddu.
PRO 20:8 Mootiin barcumaa mura'aa irra tee'eeru, iluma ifiitiin waan hantuu ilaalee beeka.
PRO 20:9 Eennutti, «Ani gadhaa kiyya qulqulleeffadheera; ani cubbuu hin qabu» jedhuu dande'a ree?
PRO 20:10 Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'inii fi safara sirrii hin te'in jibba.
PRO 20:11 Ijoolleenuu qulqulloota akka te'ane, sirrii te'uu isaaniille, hujii ifiitiin hin beekkaman.
PRO 20:12 Gurra dhage'uu fi ila dhaggitu, lachuu ka dade Mootii Waan Maraa ti.
PRO 20:13 Akka hin hiyyoommane, hirriiba hin jaalatin. Midhaan akka quuttu, dammaqii hujadhu.
PRO 20:14 Nami woy bitatu, «Wonni kun baddu'u, wonni kun baddu'u» jedha; bitateen duuba, «Dansaa bitadhe» jedhee ifi jaja.
PRO 20:15 Worqi'ii fi dooqi baca'atti jira; afaan dubbii beekkumsaa dubbatu ammoo, akka dhakaa gatii guddo'oo ti.
PRO 20:16 Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu; marroo nama alagaa sanii woyaa isaa qabadhu.
PRO 20:17 Sagaleen hannaan dhaggante namatti hin mi'ootti; duubarra ammoo akka maansa afaan nama guutee teeti.
PRO 20:18 Gorsa fudhadhuu karoora baafadhu; qajeelfama fudhadhuu duuli.
PRO 20:19 Nami hamatu dhossaa mudhisa; tanaaf nama dubbii baceessu irraa fagaadhu.
PRO 20:20 Nami abba'aa fi haadha ifii abaaru, akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te'a.
PRO 20:21 Qabeenni jalqaba irratti dafee dhaalaan dhufu, dhuma irratti eebba hin qabu.
PRO 20:22 Nami si irratti waan hantuu yoo huje, «Anille deebisee waan hantuu irratti huja» hin jedhin; Mootiin Waan Maraa si baasaa, isa eegadhu.
PRO 20:23 Mootiin Waan Maraa madaala sirrii hin te'in hin jibba; safari sirrii hin te'inille isa hin gammachiisu.
PRO 20:24 Ijjata namaa ka qajeelchu Mootii Waan Maraa ti; nami karaa ifii attam beekuu dande'a ree?
PRO 20:25 Nami tokko adoo itti hin yaadin, Waaqaaf waadaa galee, duuba irra yoo gaabbe, tiyyoo seeniisa.
PRO 20:26 Mootiin qaroon worra hamaa miidhassee beeka; inni marartii malee isaan hin adaba.
PRO 20:27 Mootiin Waan Maraa qalbii namaa hin ilaala; keessa namaalle hin qorqora.
PRO 20:28 Mararti'ii fi addatamummaan nageyaan mootii eegan; barcumaan mootummaa isaa addatamumma'aan jabaatee dhaabbata.
PRO 20:29 Ulfinni dargaggootaa jabeenna isaanii ti; ulfinni maanguddootaalle arrii isaanii ti.
PRO 20:30 Adabbiin madeessitu waan hantuu qulqulleessiti; dhaaniisille keessa namaa qulqulleessa.
PRO 21:1 Yaadi mooti'ii harka Mootii Waan Maraa keessa jira; inni akka bisaan yaa'uu gara fedhe isa deebisa.
PRO 21:2 Namatti hujiin inni huju martinuu sirrii isatti fakkaatti; Mootiin Waan Maraa ammoo yaada isaa hin madaala.
PRO 21:3 Balchumma'aa fi haqa hujuun, ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qaba.
PRO 21:4 Ifi jajiis, bondhooriisii fi hujiin worra hamaaleyyi'ii cubbu'u.
PRO 21:5 Karoorri worra jabaatee hujuu bu'aa buusa; jarjarri ammoo gara hiyyu'uu nama geessa.
PRO 21:6 Karri arraba sobaatiin horatane, akkuma hurrii takkumaan gara gorte dhabanuu tii fi akkuma tiyyoo nama ijjeettuu ti.
PRO 21:7 Namooti hamaaleyyiin waan sirrii te'e hujuu waan jibbanuuf, hunnaan nama irratti ka'iis isaanii haxowee isaan hin baleessa.
PRO 21:8 Karaan worra yakkaa hujuu micciirama'a; karaan worra yakkaa hin qannee ammoo qajeela'a.
PRO 21:9 Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa, roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.
PRO 21:10 Nami hamaan waan hantuu halcha; eennulle'eef marartii hin qabu.
PRO 21:11 Nami murgu yennaa adabamu, nami gowwaan qarummaa dhaggata; nama qaroo yennaa barsiisane, beekkumsa dhaggata.
PRO 21:12 Waaqi balchaan, waan mana worra hama'aa keessatti hujamiisatti jiru hin beeka; worra hamaa san badii itti hin fida.
PRO 21:13 Hiyyeessa rakkatee iyyuuf nami hin dhageenne, innille rakkattee yennaa iyyu, nama isa qarqaaru hin dhaggatu.
PRO 21:14 Kennansi dhossa'aan kenname aarii caffachiisa; safuun dhossa'aan harka keessa keyanulle, aarii guddoo hin qabbaneessa.
PRO 21:15 Haqi yennaa hujamu, worra balchoota hin gammachiisa; worra waan hantuu huju ammoo hin bararassa.
PRO 21:16 Nami karaa hubanti'ii irraa goru, yaa'ii worra du'ee keessa bu'a.
PRO 21:17 Nami qananummaa jaalatu hin hiyyoommata; nami daadhii woyni'iitii fi carree jaalatu ijjumaa hin duroommatu.
PRO 21:18 Nami hamaan farra nama balcha'aaf qopheessetti, nami hin addatannelle farra nama qajeela'aaf qopheessetti hin gala.
PRO 21:19 Niitii dubbatittii aartu woliin le'iisa mannaa, goomolee keessa le'iisa woyya.
PRO 21:20 Nami qaroon qabeenna gatii guddo'ootii fi zayitii ejersaa mana ifii keessatti kuufata; nami gowwaan waan qabu mara balleessa.
PRO 21:21 Nami balchumma'aa fi jaalala hordofu, jiruu, balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggata.
PRO 21:22 Nami qaroon qachaa worra jajjaba'aa hin qabata; kushee isaan itti addatanulle hin diiga.
PRO 21:23 Nami afaan ifiitii fi arraba ifii eegatu, rakkinna irraa ifi eegata.
PRO 21:24 Nami kooruu fi hunnaan nama irratti ka'u, «Ka namatti murgu» jedhama; inni kooraan guutameera.
PRO 21:25 Harki isaa hujii waan jibbuuf, nami booseyi kajeella'aan du'a.
PRO 21:26 Inni guyyaa guutuu kajeela; nami balchaan ammoo harka keessa adoo hin qabatin kenna.
PRO 21:27 Mootiin Waan Maraa ciincaa nama hama'aa jibba; yennaa nami yaada hama'aan kennu fa'a irraa caalaa jibba.
PRO 21:28 Dhugaa bayi dharaamessaa hin baddi; dhugaa bayi dhugaamessaa ammoo haga bara baraa hin jiraatti.
PRO 21:29 Nami hamaan mataa jabaata; nami qajeelaan ammoo marroo hujii ifii itti yaadata.
PRO 21:30 Qarummaan, hubanti'ii fi karoorri Mootii Waan Maraa ifi irraa dhooggatiisa dandeessittu hin jirtu.
PRO 21:31 Guyyaa lolaatiif farda hin qopheeffatan; ka nama injifachiisu ammoo Mootii Waan Maraa ti.
PRO 22:1 Durummaa guddo'oo mannaa, maqaa dansaa woyya; meeti'ii fi worqii caalaa fudhatama qabaachuu woyya.
PRO 22:2 Isaan lamaanuu ka dade, Mootii Waan Maraa waan te'eef, dureessii fi hiyyeessi wol qixxe'e.
PRO 22:3 Nami qalbeeffataan balaa dhaggee dhokata; nami gowwaan ammoo ittuma ideemee rakkata.
PRO 22:4 Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.
PRO 22:5 Karaa namoota hama'aa keessa qore'ee fi tiyyo'otti jira; nami ifi eegatu ammoo irraa fagaata.
PRO 22:6 Ijoollee karaa sirri'ii barsiisi; yennaa dulloomanelle isaan karaa san irraa hin goranu.
PRO 22:7 Dureessi hiyyeessa bulcha; ka liqeeffatulle ka liqeessuuf tajaajila'a.
PRO 22:8 Nami hammeenna facaasu rakkoo haammata; uleen aarii isaalle hin baddi.
PRO 22:9 Sagalee ifii hiyyeeyyii woliin waan qoodamuuf, nami arjaan hin eebbifama.
PRO 22:10 Nama murgu gad baasi; wol dhabille hin baya; lolli, arrabille hin jiraatu.
PRO 22:11 Nami yaada qullu'uu fi dubbii qulluu jaalatu, jaala mooti'ii hin te'a.
PRO 22:12 Ilti Mootii Waan Maraa beekkumsa eeddi; dubbii worra hin addatannee ammoo inni hin balleessa.
PRO 22:13 Nami booseyi, «Neenqi ala jira! Yookiin ani karaa irratti hin du'a» jedha.
PRO 22:14 Afaan dubartii gaarayyeeffattu'uu akka boolla qile'ee ti; nami Mootii Waan Maraa abaare isii keessa bu'a.
PRO 22:15 Gowwummaan yaada ijoolle'ee qabatteerti; uleen xixxa'aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.
PRO 22:16 Nami durummaa ede'atiisaaf hiyyeessa cunqursu, ka dureessaaf kennansa kennulle lamaanuu hin hiyyoommatan.
PRO 22:17 Gurra keeti itti qabadhuutii, Waan qaroon jedhu caqasi! Gadhaa keeti gara barsiisa kiyyaa deebifadhu!
PRO 22:18 Isiin dansaa waan teeteef, gadhaa keetitti qabadhuutii, yennaa mara marroo isi'ii dubbadhu.
PRO 22:19 Akka ati Mootii Waan Maraatitti addattuuf, ani adha si barsiisa.
PRO 22:20 Jechoota gorsaatii fi beekkumsaa soddoma ani si'iif hin barreessinee ree?
PRO 22:21 Worra si erguuf deebii dhuga'aa akka deebittuuf, dhuga'aa fi jecha dhuga'aa ani si hin barsiinnee ree?
PRO 22:22 Worra hiyyeeyyii waan hiyyeeyyii te'aneef hin saamin; worra rakkataa addee mura'aatitti hin farrisiisin.
PRO 22:23 Mootiin Waan Maraa isaaniif waan falmatuuf, nama isaan saamu hin saama.
PRO 22:24 Nama aarammeessa jaala hin godhatin; nama dafee aarutti hin maxxanin.
PRO 22:25 Ati isa irraa barattee, tiyyoo isaa keessa seenta fa'a.
PRO 22:26 Nama waada'aaf harka namaa dhowu, yookiin liqa'aaf wobii dabaru hin te'in.
PRO 22:27 Ati waan kaffaltuu yoo dhadde, itilleen teeti si jalaa hin fuudhatanti.
PRO 22:28 Dhakaa meessa'aa ka durii ka abbootiin durii dhaabane adde'ee hin munyuussin.
PRO 22:29 Ati nama hujii ifiitiin leenji'eeru dhaggiteertaa? Inni mootota dura tajaajila malee, nama mara dura hin tajaajilu.
PRO 23:1 Sagalee nyaatiisaaf bulchaa woliin yennaa teettu, waan si dura jirtu san hubadhuu ilaali.
PRO 23:2 Nyaatiisaaf dharraa guddoo yoo qabaattelle, ifi qabadhu.
PRO 23:3 Sagaleen sun waan si sodduuf, mi'aan isi'ii si hin joljolsin.
PRO 23:4 Duroomiisaaf jettee akka malee hin elowin; ifi qabatiisaaf qarummaa qabaadhu.
PRO 23:5 Durummaan akka risaa koolaan ka'uu, haga lipheettii ilaatitti, nama duraa baduu hin dandeetti.
PRO 23:6 Sagalee nama donnaa hin nyaatin; mi'aan isi'ii si hin joljolsin.
PRO 23:7 Inni akka nama yennaa mara marroo gatii sagaleen sun baachu yaaduu ti; inni afaaniin, «Nyaadhu; uni» siin jedha; gadhaan isaa ammoo si woliin hin jiru.
PRO 23:8 Diqqoo nyaatteeyyuu hin diddidda; dubbii galataa teetille hin balleessita.
PRO 23:9 Inni dubbii qarumma'aa teetitti waan murguuf, gowwa'atti hin dubbatin.
PRO 23:10 Dhakaa meessa'aa ka durii adde'ee hin munyuussin yookiin fichaa ijoollee abbaa hin qannee meessaa hin dabarin.
PRO 23:11 Waaqi isaan wodu jabaa waan te'eef, inni isaaniif hin falmata.
PRO 23:12 Qalbii teeti gara gorsaa, gurra keetille gara beekkumsaa deebifadhu.
PRO 23:13 Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin; kuta'aan yoo dhaante isaan hin du'anu.
PRO 23:14 Ati yoo kuta'aan isaan dhaante, lubbuu isaanii du'a irraa hin hamburta.
PRO 23:15 Ilma kiyya, ati qaroo yoo teete, gadhaan kiyya hin gammada.
PRO 23:16 Yennaa afaan keeti waan sirrii te'e dubbatu, keessi kiyya guddoo gammada.
PRO 23:17 Yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatiisaaf hinaaf malee, cubbaaleyyi'itti hin hinaafin.
PRO 23:18 Dhugumaan ati gara fuula duraa addii qadda; addiin teetille hin baddu.
PRO 23:19 Ilma kiyya, caqasi; qaroolle te'i; qalbii teetille daandii qajeelaa irratti eegadhu.
PRO 23:20 Worra daadhii woyni'ii akka malee unuu fi worra foon akka malee nyaatu woliin hin jaalomin.
PRO 23:21 Worri machowuu fi worri gadhitoon hin hiyyoommatan; hirriibi hamaan isaaniille woyaa ciccittuu isaanitti hin uffisa.
PRO 23:22 Abbaa keeti ka si uume dhage'i; haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin.
PRO 23:23 Dhuga'aa fi qarummaa, gorsaa fi hubantii bitadhu malee hin gurgurin.
PRO 23:24 Abbaan nama balcha'aa gammada guddaa qaba; ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada.
PRO 23:25 Abbaan keetii fi haati teeti gammadanuu ti; haati si deette akka malee gammadduu ti.
PRO 23:26 Ilma kiyya, qalbii teeti naa kenni; ilti teetille karaa kiyya ilaaltuu ti.
PRO 23:27 Dubartiin sagaagaltittiin akka boolla qile'ee ti; niitiin gaarayyeeffattuun akka balleessa dhipha'aa ti.
PRO 23:28 Isaan akka worra nama saamuu riphanee si eegan; dhiira hedduu niitii ifiitiif akka hin addatanne godhan.
PRO 23:29 Ka waacifu eennu? Ka gaddu eennu? Ka wol dhabu eennu? Ka nama komatu eennu? Ka sababa malee madowu eennu? Ka ila diimatu eennu?
PRO 23:30 Worra daadhii woyni'ii irra turu, ka yennaa mara daadhii woyni'ii ta makaa qaddu barbaaduu motii ree?
PRO 23:31 Daadhiin woyni'ii yennaa diimattu, shurrubbee keessaa yennaa calalaxxu, akka kasoo yennaa isii unanu si hin halchisiisin.
PRO 23:32 Muummee irratti akka dhudhuufa'aa si idditi; akka buuti'iille hadhaa sitti naxxi.
PRO 23:33 Ilti teeti waan haareya dhaggiti; qalbiin teetille hin cucurruuxxi.
PRO 23:34 Akka nama abbaayaa irra rafuu, akka nama qaccee utubaa hobolo'oo irra irkatuu hin teeta.
PRO 23:35 Ati, «Na dhowane; ani ammoo hin miidhanne; na dhaanane; ani ammoo hin dhukkuffanne; untoo dhibii barbaadatiisaaf, yoom dammaqa?» jetta.
PRO 24:1 Namoota hamoolee hin hinaafin; jaalummaa isaanii hin halchin.
PRO 24:2 Gadhaan isaanii hunnaan nama irratti ka'iisa yaada; afaan isaaniille marroo maltumma'aa dubbata.
PRO 24:3 Manni qarumma'aan ijaarama; hubantiille'een jabeeffama.
PRO 24:4 Beekkumsaan kollooti mana sanii meya gatii guddo'ootii fi meya dadansa'aan guutaman.
PRO 24:5 Nami qaroon hunna jadduu qaba; nami beekkumsa qabulle jabeenna dabalata.
PRO 24:6 Lolaaf bayiisaaf qajeelcha, injifatiisaafille gorsitoota hedduu barbaachisa.
PRO 24:7 Nama gowwa'aaf qarummaan akka malee ol fagaatti; inni addee mari'ii keessatti afaan ifii hin saaqatu.
PRO 24:8 Nami waan hantuu godhiisaaf mala dhowu, inni, «Malticha» jedhamee beekkama.
PRO 24:9 Malli gowwa'aa cubbu'u; namooti nama murgu hin jibban.
PRO 24:10 Ati bara rakko'oo keessa yoo raafante, jabeenni keeti attam attam diqqa'a!
PRO 24:11 Worra gara du'aa geeffamanu baasi; worra gara qalamiisaa tintimanu deebisi.
PRO 24:12 Ati, «Nuuti marroo waan kanaa hin beenne» yoo jette, ka gadhaa namaa qorqoru kana hin hubatuu ree? Ka jiruu teeti eegu hin beekuu ree? Inni nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffaluu ree?
PRO 24:13 Ilma kiyya, dammi dansaa waan te'eef, damma nyaadhu; nadhiin dhaaba dammaa keessaa sitti hin mi'ootti.
PRO 24:14 Qarummaalle lubbuu teetiif akkuma san akka mi'oottu beeki; ati yoo isii dhaggatte, gara fuula duraa addii qadda; addiin teetille hin baddu.
PRO 24:15 Akka nama hama'aa mana nama balcha'aa dhokattee hin gaadin. Mana isaa irralle'etti hunnaan hin ka'in.
PRO 24:16 Nami balchaan yennaa torba jigulle deebi'ee hin ka'a; nami hamaan ammoo badii keessa bu'a.
PRO 24:17 Yennaa diinni keeti jigu hin gammadin; yennaa inni gufatulle gadhaan keeti hin firinxiixin.
PRO 24:18 Itti gammadiisa keeti yoo dhagge, Mootiin Waan Maraa hin jaalatu; aarii ifii isa irraa hin deebisa.
PRO 24:19 Waan namooti hamaan hujanu hin qoxxisin; yookiin hamoolee hin hinaafin.
PRO 24:20 Nami hamaan addii gara fuula duraa hin qabu; issaan nama hama'aalle hin dhaama.
PRO 24:21 Ilma kiyya, Mootii Waan Maraatii fi mooticha sodaadhu; worra finqilaa woliin jaala hin te'in.
PRO 24:22 Mootiin Waan Maraatii fi mootichi dedhuma badii worra finqilaa irratti hin fidan; badii isaan fidanu eentu beeka ree?
PRO 24:23 Isaan kunille jecha qaro'oo ti: Muraa keessatti nama wol caalchisuun dansa'aa moti.
PRO 24:24 Nama hama'aan, «Ati yakkaa hin qaddu» nama jedhu, kolbaan hin abaarti; gosi biyya adda addaalle hin jibbiti.
PRO 24:25 Worra nama hamaa xixuuf ammoo wonni dansaan hin teeti; eebbi dansaalle isaan irratti hin bu'a.
PRO 24:26 Deebii dhuga'aa deebisuun, akka sunqaa hidhi'ii ti.
PRO 24:27 Hujii alaa fixadhuu, fichaa keeti qopheeffadhu; achiin duuba mana keeti ijaaradhu.
PRO 24:28 Sababa malee nama irratti dhugaa hin bayin yookiin hidhii teetiin nama hin sobin.
PRO 24:29 Ati, «Waanuma nami na godhe, anille isa hin godha; gatuma hujii isaa isaaf hin deebisa» hin jedhin.
PRO 24:30 Ani fichaa nama booseyaa keessa, oorruu woyni'ii ta nama qalbii hin qannee keessa dabaree deeme.
PRO 24:31 Addee mara qoreen itti latteerti; shuqunaan lafa golliteerti; dalleenni dhaka'aalle irraa jigeera.
PRO 24:32 Ani waan kana ilaalee itti yaadee, waan dhagge kana irraa barumsa dhaggadhe:
PRO 24:33 Ati yennaa diqqoo isi'ii rafii, yennaa diqqoo isi'ii mugii, foorfatiisaaf yennaa diqqoo isi'ii harka wol irra naqadhu.
PRO 24:34 Garuu hiyyuun akka saantu'uu, beelti akka nama meya lolaa hidhatee sitti hin dhufan.
PRO 25:1 Isaan kunille fakkeenna Solomoonii ka dhibii, ka qondaaltoti Hisqiyaasii mootii Yihuda'aa barreeffama irraa garagalchane.
PRO 25:2 Gofa woyii dhossuun ulfinna Waaqaa ti; gofa woyii qoratanee baasuun ulfinna moototaa ti.
PRO 25:3 Akkuma ol-gubbaan ol fagaattu akkuma lattille gaddi fagaattu, yaadi moototaalle qorqoramuu hin dande'u.
PRO 25:4 Ka meetii irraa meya huju meetii qulluu akka qabaatu, ati meetii san irraa xurii kaasi.
PRO 25:5 Barcumaan mootumma'aa balchumma'aan akka dhaabbatu, nama hamaa addee mootiin jiruu kaasi.
PRO 25:6 Mootii duratti ol ifi hin qabin; nama guddaa ifi hin fakkeessin.
PRO 25:7 Mootichi nama guddaa duratti addee gad aantuu sii kenniisaa mannaa, addee ol aantuu sii kennu woyya.
PRO 25:8 Waan tokko ilumaan dhaggite'eef ariifattee gara mura'aa hin dhikeessin; nami dhibiin dokonkora keeti yoo mirkaneesse, ati dhuma irratti maan teeta ree?
PRO 25:9 Haajaa keetiif nama woliin yennaa falmattu, gofa nama dhibi'ii hin mudhisin.
PRO 25:10 Yoo akkas hin te'in nami waan kana dhage'u si qaanessa; maqaan keeti ka bade sun ijjumaa si'iif hin deebi'u.
PRO 25:11 Dubbiin yennaa isi'iititti dubbatantu, akka quumhaa worqi'ii ka qorii meeti'ii keessaa ti.
PRO 25:12 Xixxaan nama qaro'oo nama isa dhage'uuf, akka worqii gurraa yookiin meya seesaa ka worqii qulluu irraa hujamee ti.
PRO 25:13 Bisaan dhakaa roobaatiin qabbanowe, yennaa midhaan galcha'aa akkuma gadhaa namaa qabbaneessu, ergantooti addatamootille nama isaan ergatuuf akkasuma; isaan yaada goottolee ifii hin foorfachiisan.
PRO 25:14 Nami kennansa namaaf hin kennineen ifi jaju, akka duumensaa fi qilleensa bokkeya hin qannee ti.
PRO 25:15 Nami ossa qabu bulchaa biyyaa tokko gadhaa hin laaffifata; arrabi dansaan nama mataa jabaatu laaffisa.
PRO 25:16 Damma yoo dhaggatte, haga si'iif barbaachisu qofa nyaadhu; akka malee nyaattu si diddissa.
PRO 25:17 Si bagee waan si jibbuuf, miilli keeti mana ollaa keetiititti hin daandin.
PRO 25:18 Nami dharaan dhugaa nama irratti bayu, akka ulee jirmaa yookiin akka shallaaga'aa yookiin akka daaya qara qabuu ti.
PRO 25:19 Rakkinna keessa nama hin addatannetti addatiis, akka nama ilkaan tacho'etti yookiin miila laashowetti addatuu ti.
PRO 25:20 Nama gaddeef faaruu faarsuun, akka nama guyyaa boojji'ii woyaa isaa isa irraa fuudhanee ti yookiin akka soodda mada'atti naqanee ti.
PRO 25:21 Diinni keeti yoo beelote sagalee nyaatu kenniif; yoo dheebotelle bisaan unu kenniif.
PRO 25:22 Tana godhiisaan gaabbee akka inni qaanowu hin goota; Mootiin Waan Maraalle gatii si'iif hin kaffala.
PRO 25:23 Akkuma qilleensi kaabaa bokkeya fidu, arrabi hamatu ila aari'iin nama ilaaltu hin fida.
PRO 25:24 Niitii dubbatittii woliin le'iisaa mannaa, roga heellichoo manaa irra le'uu woyya.
PRO 25:25 Oduun dansaan biyya fago'oo, akkuma bisaan qabbanowaa lubbuu dheebotte dheebuu baasuu ti.
PRO 25:26 Nami balchaan nama hama'aaf karaa kennu, akka madda boorayee, yookiin akka bisaan boollaa ka xurayee ti.
PRO 25:27 Damma akka malee nyaatiis dansa'aa moti yookiin ulfinna mataa ifii barbaadatiisi ulfinnaa moti.
PRO 25:28 Nami ifi qabatiisa hin dandeenne, akka qachaa guddicha dalleenni dhaka'aa irraa jigee ti.
PRO 26:1 Dhakaan roobaa bona keessa, bokkeenni yennaa midhaan galfatanuuf akkuma hin teene, ulfinnille gowwa'aaf hin te'u.
PRO 26:2 Abaarsi akkasumaan nama abaaranu, akkuma sinbirroota koolaan asii fi achi kaatuu ti malee, nama tokkolle hin miidhu.
PRO 26:3 Licheen fardaaf, bixaalli gaange'eef akkuma barbaachisu, uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachitti.
PRO 26:4 Atinuu akka isaa akka hin teene, gowwa'aaf akka gowwummaa isaatitti deebii gowwittii hin deebisin.
PRO 26:5 Nami gowwaan qaroo akka ifi hin seene, akkuma gowwummaa isaatitti deebii isaaf kenni.
PRO 26:6 Nami nama gowwaa ergatu, akka nama miila ifi irraa muree rakkinna ifitti fiduu ti.
PRO 26:7 Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu, akka miila naafatee rarra'uu ti.
PRO 26:8 Nama gowwa'aaf ulfinna kenniis, akka nama looyya'atti dhakaa hidhuu ti.
PRO 26:9 Fakkeenni afaan gowwa'aa keessaa bawu, akka qoree harka nama machowa'aa keessa jirtuu ti.
PRO 26:10 Nami nama gowwaa yookiin nama karaa deemu qaxaru, akka nama daaya akkuma dhagge darbatee nama dhagge madeessuu ti.
PRO 26:11 Sareen diddiga ifiititti akkuma deebitu, gowwaalle gowwummaa ifiititti hin deddeebi'a.
PRO 26:12 Nama qaroo ifi sewu dhaggiteertaa? Isa caalaa gowwa'atti addii qaba.
PRO 26:13 Nami booseyi, «Neenqi karaa keessa jira! Neenqi karaa guddaa keessa jira» jedha.
PRO 26:14 Miilli saanqa'aa iloo keessa akkuma garagaggalu, nami booseyille taqee ifii irra garagaggala.
PRO 26:15 Nami booseyi harka ifii qorii keessa hin keya; garuu gara afaan ifii deebifatiisa guddoo dadhaba.
PRO 26:16 Nami booseyi, namoota torba ka hubanti'iin deebii deebisanu caalaa qaroo ifi seya.
PRO 26:17 Nami akkasumaan dubbii namaa keessa galu, akka nama saree karaa ideentu gurra qabuu ti.
PRO 26:18 Akkuma maraataan umeessaa ibiddaatii fi daaya nama ijjeesu namatti gad lakkisu,
PRO 26:19 nami nama gowwoonsee, «Ani hin taphadhe» jedhulle akkasuma.
PRO 26:20 Qoraan yoo hin jiraatin ibiddi hin dhaama; hamiin yoo hin jiraatin lolli hin hafa.
PRO 26:21 Cileen kashila, muki ibidda akkuma gabbisu, nami dubbii tuttuqu lola kaasa.
PRO 26:22 Jechi hami'ii akka tuuqata mi'owuu ti; gara keessa namaa gad seena.
PRO 26:23 Nami afaan ifiitiin dansaa fakkaatee, gadhaa ifii keessaa yaada hamaa qabu, akka meya faaraa ka meetii itti gonfanee ti.
PRO 26:24 Nami kijibu afaaniin nama sossoba; gadhaa ifiitiin hantuu yaadata.
PRO 26:25 Yaadi hamaan torba waan gadhaa isaa keessa guuteeruuf, yennaa inni afaan laafee dubbatu, isa hin dhugeeffatin.
PRO 26:26 Kijibummaa ifii maltumma'aan dhoffatulle, hammeenni isaa ammoo gumii keessatti diidatti hin baya.
PRO 26:27 Nami boolla namaaf qotu, ifumaafuu keessa hin bu'a. Nami dhakaa namatti konkolaachisulle, dhakaan sun deebi'ee isuma irra hin konkolaata.
PRO 26:28 Arrabi dharaamessi worruma ifiifuu miidhe jibba; afaan sobaan kookkisulle badii namatti fida.
PRO 27:1 Waan Guyyaan fidu waan hin beenneef, waan boru te'uun ifi hin jajin.
PRO 27:2 Nami si jajuu ti malee, ati ifi hin jajin; nami dhibiin si jajuu ti malee, afaan keetiin ifi hin jajin.
PRO 27:3 Dhakaan hin ulfaata; maansille ba'a'a. Nunnussaan gowwaan tuttuqee nama aarsu ammoo, isaan lachuu caalaa hin ulfaatti.
PRO 27:4 Mufiin gadhi-jabeenna; aariin lola'a; hinaaffaa dura ammoo eentu dhaabbatuu dande'a?
PRO 27:5 Jaalala dhokate caalaa, xixicha mudhatu woyya.
PRO 27:6 Sunqaa diinaatii mannaa, jaalli si madeessu woyya.
PRO 27:7 Nama quufe, dammi itti bushowa; nama beelote ammoo wonni hadhowuuyyuu itti mi'owa.
PRO 27:8 Nami qe'ee ifii keessaa baye, akka sinbirree mana ifii keessaa baatee ti.
PRO 27:9 Fiqire'ee fi qayyi nama gammachiisan; gammachiisiis jaalaalle gorsa dansaa isaa irraa madda.
PRO 27:10 Jaalota teetii fi jaalota abbaa keetii hin lakkisin; yennaa rakkinnaa mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiruu mannaa, ollaa dhikoo jiru woyya.
PRO 27:11 Ilma kiyya, nama na arrassuuf deebii kennuu akka ani dande'u, ati qaroo te'i; gadhaa kiyyalle gammachiisi.
PRO 27:12 Nami qalbeeffataan waan hantuu dhaggee duraa baqata; nami hubantii hin qanne ammoo ittuma ideemee, rakkoo keessa seena.
PRO 27:13 Nama alaga'aaf wobii te'e woyaa irraa mulqadhu; haga inni waan alagaan fudhate san deebisutti woyaa san qabadhu.
PRO 27:14 Nami barii ganamaan ka'ee, qoonqoo ol qabatee nama yoo eebbise, eebbi sun abaarsa nama sanitti fakkaata.
PRO 27:15 Niitiin dubbattittiin akka mana guyyaa roobaa dhim'isaa ooluu ti.
PRO 27:16 Isii ittisiis qilleensa ittisiisa, yookiin zayitii harkaan qabiisa.
PRO 27:17 Akkuma sibiilli sibiila cabbu, namille nama cabba.
PRO 27:18 Nami muka harru'uu kunuunsu midhaan isi'ii hin nyaata; nami goottaa ifii eegulle ulfinna hin dhaggata.
PRO 27:19 Akkuma bisaan fuula namaa mudhisu, yaadi namaalle eennummaa namaa mudhisa.
PRO 27:20 Addeen worri du'e jiruu fi addeen badi'ii ijjumaa hin quuttu; ilti namaalle ijjumaa hin quuttu.
PRO 27:21 Meeti'ii fi worqiin addee itti baqisiisanu keessatti akkuma haga ilaallatamanu, namille leellifamiisaan haga ilaalama.
PRO 27:22 Gowwaa akka midhaanii mooyye'etti tuma'aan yoo tuntelle, gowwummaa isa keessaa baasuu hin dandeettu.
PRO 27:23 Hoolee teeti haala attamii keessaa akka jirtu midhassii beeki; loon keetille midhassii tiffadhu.
PRO 27:24 Sababille durummaan haga bara baraa hin jiraatu; kallachille dhalootaa dhalootatti hin dabaru.
PRO 27:25 Marri gogaan haamamee, marri haarenni yennaa latu, marri koobota irraa yennaa wolitti qabamu,
PRO 27:26 buruusoo hoolota teetiitiin daara hin baata; re'oota teetille'een fichaa hin bitatta.
PRO 27:27 Soorata keetiif, soorata maatii teetiitiif, soorata tajaajiltoota teetiifille ka gewu, aanan re'e'ee hin qabaatta.
PRO 28:1 Nami hamaan adoo nami hin ari'in baqata; nami balchaan ammoo akka neenqaa ifi addata.
PRO 28:2 Kolbaan yennaa finqila kaatu, bulchitooti isi'ii hin heddatti; nama hubata'aa fi beekaa yoo qabaatte ammoo mootummaan isi'ii jabaattee hin dhaabbatti.
PRO 28:3 Bulchaan hiyyeessa cunqursu akka bokkeya midhaan balleessuu ti.
PRO 28:4 Worri seera lakkisu nama hamaa leellisa; worri seera eegatanu ammoo isaaniin morma.
PRO 28:5 Nami hamaan haqa hin beeku; worri Mootii Waan Maraa barbaadatu ammoo guutumaa guutu'utti haqa beekan.
PRO 28:6 Dureessa ideensi isaa micciirama'aatii mannaa, hiyyeessa komii hin qanne woyya.
PRO 28:7 Ka seera eegu ilma qalbeeffata'a; ka gadhitoo woliin jaalomu ammoo abbaa ifii salphisa.
PRO 28:8 Nami liqaa dhala gudda'aatiin qabeenna ede'atu, nama hiyyeessaa nawuuf hin kuusa.
PRO 28:9 Nama seeraaf hin ajajanne, daadimati isaatuu akka malee hin jibbisiisa.
PRO 28:10 Nami nama qajeelaa karaa hama'atti geessu, boolla ifumaa qote keessa hin bu'a; nami komii hin qanne ammoo waan dansaa hin dhaala.
PRO 28:11 Nami dureessi qaroo ifi seya; hiyyeessi hubantii qabu ammoo qorqoree keessa isaa hin beeka.
PRO 28:12 Nami balchaan yennaa injifatu, martinuu hin gammadan; nami hamaan yennaa baallii qabatu ammoo namooti hin dhokatan.
PRO 28:13 Nami cubbuu ifii dhoffatu, hin milkowu; nami cubbuu ifii faaci'atuu fi ka isii lakkisu ammoo marartii hin dhaggata.
PRO 28:14 Nami yennaa mara Mootii Waan Maraa sodaatu ka gammade; nami mataa jabaatu ammoo rakkinna keessa gala.
PRO 28:15 Bulchaan hamaan worra qarqaarsa hin qanne irratti akka neenqa dhangaa dhowuu yookiin akka doobbaa hiixatee woy qabuu ti.
PRO 28:16 Bulchaan hubantii hin qanne akka malee nama cunqursa. Ka bu'aa haqa hin te'in jibbu ammoo bara dheeraa hin le'a.
PRO 28:17 Nami nama ijjeese, haga du'utti baqataa hin le'a; nami tokkolle isa hin qarqaarin.
PRO 28:18 Nami komii hin qanne waan hantuu irra hin bu'u; nami micciiramaan ammoo dedhuma jiga.
PRO 28:19 Nami lafa qotatu sagalee bacaa hin qabaata; nami waan bu'aa hin qanne hordofu ammoo hin deega.
PRO 28:20 Nami addatamaan guddoo hin eebbifama; nami durumma'aaf ariifatu ammoo adoo hin adabamin hin hafu.
PRO 28:21 Nama wol caalchisuun dansa'aa moti; garuu nami bixee daabbo'oo takkatti'iif jedhee dokonkora huja.
PRO 28:22 Nami donni duroomiisaaf ariifata; hiyyuun akka isa eegattu hin beeku.
PRO 28:23 Nama afaaniin nama kookkisu caalaa, ka balleessaa namatti himee nama xixutti dhuma irratti saadama.
PRO 28:24 Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii saamee, «Kun dokonkoraa moti» jedhu, inni jaala nama woy balleessuu ti.
PRO 28:25 Nami joljolaan lola kakkaasa; nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo hin milkowa.
PRO 28:26 Nami ifitti addatu gowwa'a; nami qarumma'aan deddeebi'u ammoo waan hantuu irra hin bu'u.
PRO 28:27 Nami hiyyeessaaf kennu womaa hin dhabu; nami hiyyeessa ilaalee lakkisu ammoo abaarsa hedduu fudhata.
PRO 28:28 Yennaa namooti hamooleen baallii fudhatanu, kolbaan hin dhokatti; yennaa isaan badanu ammoo balchooti hin bacatti.
PRO 29:1 Nami yennaa hedduu xixameen duuba didee mataa jabaatu, cannana fayyuu hin dandeenne dedhuma caba.
PRO 29:2 Balchooti yennaa baallii fudhatanu, kolbaan guddoo gammadi; yennaa nami hamaan bulchu ammoo kolbaan hin aaddi.
PRO 29:3 Nami qarummaa jaalatu, abbaa ifii gammachiisa; nami jaala sagaagaltu'uu te'u ammoo qabeenna ifii bittinneessa.
PRO 29:4 Mootiin haqa muriisaan biyya ifii hin jabeessa; ka safuu fudhatiisaaf joljolu ammoo biyya ifii hin balleessa.
PRO 29:5 Nami afaan calla'aan nama kookkisu, fonxoroo miila ifiititti afa.
PRO 29:6 Nami hamaan cubbuu ifiitiin qabama; nami balchaan ammoo hin faarfata; hin gammadalle'e.
PRO 29:7 Nami balchaan marroo haqa hiyyeessaatiif hin haajama; Nami hamaan ammoo haajaa hin qabu.
PRO 29:8 Namooti namatti murganu qachaa jeeqan; namooti qaroon ammoo aarii qabbaneessan.
PRO 29:9 Nami qaroon nama gowwaa woliin gara seeraa yoo dhaqe, gowwaan sun hin mufata yookiin hin murga; nageennille hin jiraatu.
PRO 29:10 Namooti dhiiga namaa dhangalaasanu, nama dhugaammessa jibban; nama qajeelaa ijjeesuu barbaadan.
PRO 29:11 Nami gowwaan yaada aarii ifii mara dubbata; nami qaroon ammoo ossaan ifi qabataa dubbata.
PRO 29:12 Bulchaan tokko oduu dharaa yoo caqase, qondaaltoti isaa martinuu hamoolee hin te'an.
PRO 29:13 Mootiin Waan Maraa isaan lamaaniifuu ila waan kenneef, hiyyeessii fi ka hiyyeessa cunqursulle tanaan woluma qixxe'e.
PRO 29:14 Mootiin hiyyeessaaf haqaan yoo mure, barcumaan mootummaa isaa bara dheeraa jabaatee hin dhaabbata.
PRO 29:15 Ijoollee xixanee adabuun qarummaa kennitiif; ijoolleen gad lakkifante ammoo haadha ifii qaanessiti.
PRO 29:16 Yennaa worri hamooleen baallii fudhatanu cubbuun hin bacatti; balchooti ammoo jinnana isaanii hin dhaggan.
PRO 29:17 Ijoollee teeti adabi; isaan foora si'iif hin kennan; gadhaa keetille hin gammachiisan.
PRO 29:18 Addee mudhiin hin jirre, kolbaan seera malee teeti; nami seera eegatu ammoo ka gammade.
PRO 29:19 Tajaajilaan afaan calla'aan hin adabatu; inni yoo hubateeyyuu deebii hin kennu.
PRO 29:20 Nama dubbii ariifatu dhaggitaa? Isa caalaa nama gowwa'atti addii qaba.
PRO 29:21 Nami tajaajilaa ifii ijoollummaa isaatii jalqabee qananiisu, dhuma irratti gadda ifitti fida.
PRO 29:22 Nami aarameessi lola kaasa; nami dafee mufatu cubbuu hedduu huja.
PRO 29:23 Nami ol ifi qabu salphinna ifitti fida; nami gad ifi qabu ammoo ulfinna dhaggata.
PRO 29:24 Nami jaala hattu'uu te'u ifi jibba; kakatee dhugaa akka bayuuf hin gaafatama; dhugaa bayiisaaf ammoo inni itti hin gamu.
PRO 29:25 Nama sodaatiis tiyyoo keessa nama seensisa; nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo nageyaan le'a.
PRO 29:26 Namooti hedduun bulchaa duratti fudhatama dhaggatiisa barbaadan. Nami ammoo muraa haqaa Mootii Waan Maraa biraa dhaggata.
PRO 29:27 Nami balchaan nama hamaa jibba; nami hamaalle nama qajeelaa jibba.
PRO 30:1 Jechi kun jecha Aguurii ilma Yaaqee ti; nami kun Itii'elitti, Itii'elii fi Ukaalitti dubbate,
PRO 30:2 «Ani nama mara caalaa daafana'a; hubantii nami qabu ani hin qabu;
PRO 30:3 ani qarummaa tokkolle hin baranne; ani marroo Waaqa Woyyichaalle womaa hin beeku.
PRO 30:4 Ka gara ol-gubba'aa ol dhaqee gad deebi'ee dhufe eennu? Ka qilleensa harka ifiitiin wolitti qabe eennu? Ka bisaan woyaa ifiitiin mare eennu? Ka qaccee lafaa mara jabeessee dhaabe eennu? Maqaan isaa eennu? Maqaan ilma isaa eennu? Ati yoo beettu teete, natti himi!
PRO 30:5 «Jechi Waaqaa marti dhuga'a; inni worra gara isaa baqate maraaf wonte'e.
PRO 30:6 Jecha isaa irratti hin ede'in; yoo akkas hin te'in inni si xixa; dharaamessalle teetee hin dhagganta» jedhe.
PRO 30:7 «Ee Mootii Waan Maraa, ani waan lama si kadhadha; adoo ani hin du'in waan kana lamaan na hin dhooggatin.
PRO 30:8 Sobaa fi dhara dubbatiisa na irraa fageessi; sagalee guyyuma guyya'aan naa barbaachittu naaf kenni malee, durumma'aa fi hiyyummaalle naa hin kennin.
PRO 30:9 Yoo akkas hin te'in, ani quufee si hin mormadha; ‹Mootiin Waan Maraa eennu inni?› si'iin hin jedha; yookiin hiyyoommadhee, hatee maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa keeti hin salphisa.
PRO 30:10 «Tajaajilaan akka si hin abaarre, atille akka hin rakkanne, marroo tajaajilaa tokkoo goottaa isaatitti isa hin hamatin.
PRO 30:11 Namooti abbaa ifii abaaranu, haadha ifiille ka hin saadanne jiran.
PRO 30:12 Worri qulluu ifi seyanee, ka battummaa ifii irraa hin qulqulloomin hin jiran.
PRO 30:13 Worri ilaalcha kooraa qabanu, ka ila tuffi'iitiin nama ilaalanu,
PRO 30:14 hiyyeessa lafa irraa, rakkataa odduu ilmaan namaatii nyaatanee balleessiisaaf, worri ilkaan isaanii shallaagaa, a'oon isaaniille billowa te'e jiran.
PRO 30:15 «Ulaa'ulti ijoollee durraa ta, ‹Kenni! Kenni!› jedhaa iyyitu lama qaddi; ‹Ijjumaa quufe› ka hin jenne waan saditti jira; ta arfeesso'oolle ijjumaa ‹Na geye› hin jettu:
PRO 30:16 isaanille, addee worri du'e jiru, gadaamessa maseena, lafa bisaan hin quunnee fi ibidda ijjumaa, ‹Na geye› hin jenne.
PRO 30:17 «Nama abbaa ifiititti murguu fi ajaja haadha ifiille tuffatu, harraaqessi gammoojji'ii ila isaa isa keessaa hin fuudha; rumichille isa hin nyaata.
PRO 30:18 «Wonni na baaseffachiisu sad yookiin afur ta hubatiisa hin dandeennetti jiraayyu;
PRO 30:19 isaanille, karaa risa'aa ka gubbaa irraa, karaa bofaa ka rassaa irraa, karaa hobolo'oo ka abbaayaa irraatii fi karaa dhiirtii fi dubartiin wol jaalatanu.
PRO 30:20 «Karaan dubartii gaarayyeeffattu'uu kana: Isiin nyaattee afaan ifii haxowattee, ‹Ani womaa dokonkora hin hunye› jetti.
PRO 30:21 «Latti waan sadiiniin yookiin afuriin tachooti; dandeetteelle hin ba'attu;
PRO 30:22 isaanille, garbichi yennaa mootii te'e, gowwaan yennaa quufe,
PRO 30:23 dubartiin jibbatante yennaa dhirsa dhaggattee fi garbittiin yennaa addee giittii ifii fudhate.
PRO 30:24 «Wonni didiqqoon afur, ka guddoo qaroo te'an biyya lafaa irra jiran:
PRO 30:25 mixaan hunna hin qabu, te'uu malee sagalee ifii bona wolitti qabata;
PRO 30:26 Osoleen hunnaa hin qaddu, te'uu malee odduu rassa'aatitti galti;
PRO 30:27 Awwaannisi mootii hin qabu, te'uu malee akka loltootaa seeraan ideema.
PRO 30:28 Qarcoon harkaan qabamuu dandeetti; te'uu malee mana mootumma'aa keessatti dhagganti.
PRO 30:29 «Wonni ideensa tolanu sad yookiin afur ka arnya ulfinnaa qabanu jiran:
PRO 30:30 Neenqa bineensota mara keessaa jaba'aa, ka waan mara irraa duubatti hin deebine;
PRO 30:31 kormi lukku'uutii fi korbeessi re'e'ee ka bondhooranu, mootii loltoota ifiitiin marfamee ideemu.
PRO 30:32 «Gowwaa teetee, yoo ol ol ifi qadde, yookiin hantuu yoo yaadatte, afaan keeti qabadhu.
PRO 30:33 Akkuma aanan raasiis dhadhaa baasu, akkuma funnaan micciiriis dhiiga baasu, tuttuqanee nama aarsuun lola kaasa» jedhe.
PRO 31:1 Jechi asii gadii kun ka haati Lemu'elii mootichaa isa barsiitte:
PRO 31:2 «Ee ilma kiyya, ilma gadaamessa kiyyaa, ilma Waadaa kiyyaa,
PRO 31:3 hunna teeti dubartoota irratti hin fixin; yennaa teetille dubartoota mootota balleessitu irratti hin fixin.
PRO 31:4 «Ee Lemu'el, moototi daadhii woyni'ii unuu hin qabanu; bulchitootille untoo nama macheessitu unuu hin qabanu.
PRO 31:5 Isaan yoo unane, seera hin dedhan; worra cunqurfame mara haqa hin dhooggan.
PRO 31:6 Untoo nama macheessitu, nama badiisatti jiruuf, daadhii woyni'iille nama farra hantuu keessa jiruuf kenni.
PRO 31:7 Isaan unanee hiyyummaa ifii dedhanuu ti; farra ifiille deebi'anee hin qaabatin.
PRO 31:8 «Ati worra ifiif dubbatuu hin dandeenneef dubbadhu; worra qarqaarsa hin qanne maraaf falmadhu.
PRO 31:9 Dubbadhu; dhugaa muri. Haqa hiyyeessaatii fi rakkata'aatiif falmadhu» jette.
PRO 31:10 Niitii qalbii qaddu eentu dhaggatuu dande'a? Isiin dooqa diimaa caalti.
PRO 31:11 Dhirsi isi'ii gadhaa tokkochaan isii addata; Inni waan tokkolle hin dhabu.
PRO 31:12 Bara jiruu isi'ii mara waan dansaa isaaf gooti malee, waan hantuu isa irratti hin hujju.
PRO 31:13 Isiin rifeensa hoole'eetii fi quncee talba'aa barbaaddee, harka ifiitiin woyaa dhootti.
PRO 31:14 Isiin akkuma hoboloota gugurdoo daldaltootaa, biyya fago'oo irraa sagalee fiddi.
PRO 31:15 Isiin ganama adoo latti hin bari'in kaatee, maatii ifiitiif sagalee kenniti; durra tajaajiltoota ifiitiifille hujii isaanii itti qooddi.
PRO 31:16 Isiin fichaa qorqortee bitatti; bu'aa hujii harka ifiitiin muka woyni'ii dhaabbatti.
PRO 31:17 Isiin hunnaan hujii ifii hujatti; irreen isi'iille huji'iif jaddu'u.
PRO 31:18 Hujiin isi'ii bu'aa akka qaddu hin beetti; issaan isi'iille halkan hin dhaamu.
PRO 31:19 Harka ifiitiin fuuttaa qabatti. Quba ifiitiin liqaaqaa irbiti.
PRO 31:20 Isiin hiyyeessaaf hin kenniti; rakkataalle hin qarqaarti.
PRO 31:21 Maatiin isi'ii martinuu woyaa qorra nama irraa dhooggitu waan qabanuuf, yennaa rooba dhaka'aa isaaniif hin yaaddottu.
PRO 31:22 Isiin woyaa taqee ifii irra afattu dhowatti; isiin woyaa dansaa quncee talba'aa irraa hujantee fi woyaa dhiillee uffatti.
PRO 31:23 Dhirsi isi'ii jaarsolee biyyaa odduu, badhinna karra qacha'aa yennaa tee'u ulfinna qaba.
PRO 31:24 Isiin quncee talba'aa irraa woyaa dhoottee gurgurti; daldaltootaafille hiituu gurgurti.
PRO 31:25 Isiin hunnaa fi ulfinna akka woya'aa uffatti; bara dhufaaru itti gammaddi.
PRO 31:26 Isiin qarumma'aan dubbatti; afaan isi'ii keessa barsiisa dansa'atti jira.
PRO 31:27 Isiin jireenna maatii ifii akka dansaa eeddi; isiin booseyaa moti.
PRO 31:28 Ijoolleen isi'ii lafaa kaatee, «Gammadee» jettee isii waanti; abbaan manaa isi'iille akkasuma jedhaa, isii leellisaa,
PRO 31:29 «Dubartooti hedduun waan dansaa hujaneeran; ati ammoo isaan mara hin caalta» jedhaan.
PRO 31:30 Miidhagiis nama soba; dansummaan hin baddi; dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti.
PRO 31:31 Bu'aa hujii isi'iitiif badhaasa kenna'aaf! Hujiin isi'ii badhinna karra qacha'aatitti isii leellittuu ti.
ECC 1:1 Jechi lallabaa ilma Daawitii, ka Yerusaalem keessatti mootii te'ee, kanatti aanee jira.
ECC 1:2 Lallabaan kun, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Bu'aa hin qaddu! Ijjumaa bu'aa hin qaddu!» jedha.
ECC 1:3 Nami biyya lafaa irratti waan itti elowu maraaf, bu'aa maan dhaggata?
ECC 1:4 Dhalooti tokko hin dabara; dhalooti hin dhufa. Latti ammoo haga bara baraa hin jiraatti.
ECC 1:5 Aduun hin baati, hin seentille'e; gara addee baateetitti deebi'iisaaf hin ariifatti.
ECC 1:6 Qilleensi gara kibbaa dhowa; gara kaabaalle hin deebi'a. Maree, maree gara dhufetti hin deebi'a.
ECC 1:7 Lagi martinuu gara abbaaya'aa yaa'an; te'uu malee abbaayaan ijjumaa hin guuttu. Lagooti sun gara addee dhufanee, ammalle achitti hin deebi'an.
ECC 1:8 Wonni marti haga nami dubbatuu dadhabutti nama hifachiitti. Ilti ilaaltee hin quuttu; gurrille dhage'iisaan hin guutamu.
ECC 1:9 Woma dur te'eerutti ammalle te'uuf jira; woma dur hujameerutti ammalle hujamu'uuf jira. Biyya lafaa irra wonni haaretti hin jirtu.
ECC 1:10 Wonni nami, «Ilaa! Wonni kun waan haareya» jedhuu dande'u jirtii? Wonni sun bara dheera'aan dura, duruuyyuu asuma jirti; isiin adoo nuuti hin dhalatiniin dura asuma jirti.
ECC 1:11 Waan bara durii te'e nami qaabatu hin jiru; worri itti aanee dhufulle waan amma te'uu fi waan te'uuf jiru hin qaabatu.
ECC 1:12 Ani, lallabaan Yerusaalemitti mootii Israa'elii te'eeraayyu.
ECC 1:13 Ani waan lafa irratti hujame mara qarumma'aan qorqoriisaaf itti yaade; ilmaan namootaa irratti Waaqi ba'aa attam attam ulfaattu fe'e!
ECC 1:14 Ani waan biyyaa lafaa irratti hujame mara ilaaleera; isaan martinuu bu'aa hin qabanu; akka nama qilleensa ari'ee ti.
ECC 1:15 Wonni micciiramaan qajeeluu hin dande'u; wonni hin jirrelle laakkowamuu hin dande'u.
ECC 1:16 Ani, «Kunoo, ani worra anaan dura Yerusaalemitti mootii te'e mara caalaa, nama guddaa te'eera; qarummaalle ede'adheera» jedhee yaade.
ECC 1:17 Achiin duuba ani qarummaa, maraattummaa, gowwummaalle gargar baasee beekiisaaf itti yaade; kunille ammoo akka nama qilleensa ari'ee akka te'e hubadhe.
ECC 1:18 Qarummaan akkuma bacattuun gaddi bacataa deema; beekkumsi akkuma bacatuun laaleffatisille bacataa deema.
ECC 2:1 Ani gadhaa kiyya keessatti, «Dhaqee ifi gammachiisa; hiikkaa gammadaa qorqoree beeka» jedhee yaadadhe; sunille ammoo waan bu'aa hin qanne.
ECC 2:2 Ani, «Kolli gowwumma'a; gammadi maan namaa godha?» jedhe.
ECC 2:3 Qalbiin tiyya adoo qarumma'aan yaadattuu, ani daadhii woyni'iitiin ifi gammachiisiisaaf, gowwummaa hanqafatiisaaf wodhaane. Namooti bara diqqaa lafa irra le'anu yoo hujane waan bu'aa isaaniif buusu, ani dhagguu barbaade.
ECC 2:4 Ani hujii gugurdoo huje; mana hedduu ijaarradhe; muka woyni'iille dhaabbadhe.
ECC 2:5 Ani oorruu heddu'uu fi addee bashannanaa hedduu qopheeffadhe; isaan keessatti gosa muka midhaan buusu mara dhaabbadhe.
ECC 2:6 Mukoota guddatu san obaasiisaaf waan bisaan itti kuufamu hujadhe.
ECC 2:7 Ani garboota dhiiraatii fi dubarti'ii bitadhe; garboota dhibii ka mana kiyya keessatti dhalatanelle qabaayyu. Worra anaan dura Yerusaalem keessaa jiru caalaa loon bacaa, re'e'ee fi hoolee karra hedduu horadhe.
ECC 2:8 Ani meetii, worqii, karra moototaatii fi karra kutaa biyyaa wolitti qabadheera. Faarfattoota dhiiraatii fi dubarti'ii akkasuma gursumeeyyii ilmaan namootaa itti gammaddu bacaa qabaayyu.
ECC 2:9 Worra anaan dura Yerusaalem keessa jiru caalaa guddaa te'eera. Waan kana mara keessatti qarummaan anuma woliin jirtiiyyu.
ECC 2:10 Waan ilti tiyyaa fi gadhaa kiyya halche mara dhaggadhe. Gadhaan kiyya Hujii tiyya maratti gammade; tun gatii eloo tiyya maraa ti.
ECC 2:11 Te'uu malee waan harki kiyya hujee fi waan itti elowe maraayyuu yennaa ilaalu, bu'aa hin qaddu; akka nama qilleensa ari'ee ti; biyya lafaa irra wonni bu'aa qaddu hin jirtu.
ECC 2:12 Maarre ani yaada kiyya gara qarummaa, maraattumma'aa fi gowwummaa qorqoriisaatitti deebifadhe. Nami mootii tokkoon duuba mootii te'uuf jiru, ka dur hujame caalaa maan hujuu dande'a ree?
ECC 2:13 Akkuma ifi dukkana caalu, qarummaan akka gowwummaa caaltu dhagge.
ECC 2:14 Nami qaroon waan isa dura jiru beeka; nami gowwaan ammoo dukkana keessa ideema; wonni isaan lamaanittuu dhufu ammoo tokkuma akka te'e hubadheera.
ECC 2:15 Achiin duuba ani gadhaa kiyya keessatti, «Eega wonni nama gowwa'atti dhufu natti dhufu te'ee, maaniif qaroo te'e ree?» jedhee yaadadhe; gadhaa kiyya keessatti, «Tunille bu'aa hin qaddu» jedhe.
ECC 2:16 Nami qaroon, akkuma nama gowwa'aa haga bara baraa hin qaabatamu; baroota dhufanu keessatti isaan lamaanuu hin dedhaman. Akkuma nama gowwa'aa, nami qaroolle hin du'a.
ECC 2:17 Wonni biyya lafaa irratti hujamu waan na gaddisiiseef, ani jiruu jibbe; wonni martinuu bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa.
ECC 2:18 Nama na duubaan dhufuuf waan lakkisuuf, ani waan biyya lafaa irratti itti elowu mara jibbe.
ECC 2:19 Nami na duubaan dhufu sun qaroo yookiin gowwaa te'uu isaa eentu beeka? Te'uu malee inni waan ani biyyaa lafaa irratti itti elowee qarumma'aan huje san irratti abbummaa hin qabaata. Tunille bu'aa hin qaddu.
ECC 2:20 Maarre ani waan biyya lafaa irratti itti elowe maraaf deebi'ee addii kutatiisa jalqabe.
ECC 2:21 Sababille nami tokko hujii ifii qarumma'aan, beekkumsaa fi dandeetti'iin waan huje, achiin duuba waan qabu mara nama itti hin elowin tokkoof lakkisa. Tunille waan bu'aa hin qanne, miidhama gudda'a.
ECC 2:22 Nami biyya lafaa irratti waan itti elowuu fi itti mixiixxatu mara keessaa bu'aa maan dhaggata?
ECC 2:23 Barri jiruu isaa marti farraa fi gaddaan guutameera; halkanille'een qalbiin isaa hin foorfattu. Tunille bu'aa hin qaddu.
ECC 2:24 Nami nyaatee, unee, waan hujatetti gammadiisa caalaa wonni dansaan inni hujuu dande'u hin jirtu. Tunille Waaqa biraa akka dhuttu dhagge;
ECC 2:25 Waaqaan malee, eentu nyaatuu yookiin gammaduu dande'a ree?
ECC 2:26 Waaqi nama isa gammachiisuuf qarummaa, beekkumsaa fi gammada kenna; nama cubbicha ammoo karra wolitti qabee tuulee, nama Waaqa gammachiisuuf dabarsee akka kennu godha. Tunille bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa.
ECC 3:1 Waan maraaf yennaan jirti; waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti.
ECC 3:2 Dhalatiisaaf yennaan jirti; du'iisaafille yennaan jirti; Dhaabiisaaf yennaan jirti; buqqisiisaafille yennaan jirti.
ECC 3:3 Ijjeesiisaaf yennaan jirti; fayyisiisaafille yennaan jirti. Diigiisaaf yennaan jirti; ijaariisaafille yennaan jirti.
ECC 3:4 Bowiisaaf yennaan jirti; kolliisaafille yennaan jirti. Gaddisaaf yennaan jirti; sirbiisaafille yennaan jirti.
ECC 3:5 Dhakaa bittinneessiisaaf yennaan jirti; dhakaa wolitti qabiisaafille yennaan jirti. Hanqafatiisaaf yennaan jirti; hanqafatiisa lakkisiisaafille yennaan jirti.
ECC 3:6 Barbaadiisaaf yennaan jirti; barbaadiisa lakkisiisaafille yennaan jirti. Maffatiisaaf yennaan jirti; gatiisaafille yennaa jirti.
ECC 3:7 Tarsaasiisaaf yennaan jirti; hodhiisaafille yennaan jirti. Cadhisiisaaf yennaan jirti; dubbatiisaafille yennaan jirti.
ECC 3:8 Jaalatiisaaf yennaan jirti; jibbiisaafille yennaan jirti. Lolaaf yennaan jirti; nageyaafille yennaan jirti.
ECC 3:9 Nami waan itti elowe irraa bu'aan maan dhaggata ree?
ECC 3:10 Ani hujii ulfaattuu Waaqi namootatti fe'e dhaggeera.
ECC 3:11 Waaqi waan mara yennaa isi'iititti miidhassee dadeera. Inni halchaa yennaa dhuma hin qannee yaada namootaa keessa keyeera; te'uu malee isaan waan Waaqi jalqabaa haga dhumaatitti godhu beekuu hin dande'anu.
ECC 3:12 Nami bara jiruu ifii waan dansaa hujee itti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre beekeera.
ECC 3:13 Nami martinuu nyaatee, unee, waan itti elowetti gammadiisille kennansa Waaqaa ti.
ECC 3:14 Wonni Waaqi huje martinuu haga bara baraa akka jiraattu ani hin beeka; wonni itti ede'amuu fi irraa fuudhamu tokkolle hin jiru. Nami martinuu akka isa sodaatuuf, Waaqi waan kana godhe.
ECC 3:15 Wonni amma jiru kama dur jiru; wonni gara duraa te'ulle kama dur te'eeru; Waaqi woma dabare deebisee fida.
ECC 3:16 Ani ammalle lafaa irratti waan dhibii dhagge: addee muraa haqaatitti, hammeenna, addee balchumma'aatitti, daba dhagge.
ECC 3:17 Ani, «Waaqi waan maraa fi hujii maraafille yennaa waan qabuuf, balcha'aa fi cubbichalle gara mura'aa hin fida» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaadadhe.
ECC 3:18 Ani ammalle, «Namooti akka bineensotaa akka te'ane akka ifi dhagganuuf, Waaqi haga isaan ilaala» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaade.
ECC 3:19 Hireen namaatii fi bineensaalle tokkuma. Akkuma kuun du'u kuunille du'a; isaan marti hafuuruma tokko qaban; nami bineensa hin caalu. Wonni martinuu bu'aa hin qaddu.
ECC 3:20 Martinuu addee takkaa dhaqan; martinuu akkuma biyyee irraa dadamane, garuma biyye'ee hin deebi'an.
ECC 3:21 Lubbuun namaa gara gubba'aa akka baatu, lubbuun bineensaa gara lafaa gad akka buutu eentu beeka?
ECC 3:22 Namaaf hiree isaa waan teeteef, hujii ifiititti gammadiisa caalaa wonni tokkolle akka hin jirre hubadheera. Nami du'een duuba waan te'u akka inni dhagguuf, eentu deebisee isa fiduu dande'a ree?
ECC 4:1 Ammalle ani cunqurfama biyya lafaa irratti te'iisatti jiru mara dhagge. Imimmaan worra cunqurfamee dhagge; ka isaan jajjabeessulle hin jiru. Worri isaan cunqursu hunna guddoo waan qabuuf, ka isaan jajjabeessu hin jiru.
ECC 4:2 Tanaaf, ani, «Worra haga ammaa jiru'uun jiru caalaa worra duruu du'eeru woyya.
ECC 4:3 Worra lamaanuu caalaa ammoo worra hin dhalatin, ka hammeenna biyya lafaa irratti hujamu hin dhaggin woyya» jedhee yaade.
ECC 4:4 Wonni nami itti elowuu fi dandeetti'iin hujatu marti hinaaffaa irraa akka kaatu dhagge. Tunille bu'aa hin qaddu; akka nama qilleensa ari'ee ti.
ECC 4:5 Gowwaan harka maratee tee'ee, beelaan du'a.
ECC 4:6 Elo'oo fi qilleensa ari'iisaan harka lama dhaggatiisaa mannaa, qalbii nageyaatiin harka tokko dhaggatiisaa woyya.
ECC 4:7 Ammalle waan bu'aa hin qanne takka biyya lafaa irratti dhagge:
ECC 4:8 nami qofii ifii le'u tokko, ilma yookiin obboleessa ka hin qanne, ka waan mara irratti eloon isaa dhuma hin qanne, karra ifiitille'een, «Na geetti» ka hin jenne, inni «Ani eennuuf elowa? Ani maaf gammada ifi dhoogga?» jedhee ifi gaafata; kunille waan bu'aa hin qanne; hujii nama gaddisiittu.
ECC 4:9 Eloo ifiitiif bu'aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te'uu irra lama te'uu woyya.
ECC 4:10 Tokko yoo jige, kuun ol kaasa; yoo jige, ka ol isa kaasu, nama hin qanneef ammoo aanne'e.
ECC 4:11 Nami lama yoo woliin rafe, wol hin o'isa; nami tokko attam qofuu ifi o'isuu dande'a ree?
ECC 4:12 Nami tokko nama qofuu jiru injifatulle, nami lama ifi irraa dhooggatuu dande'an. Wodaroon sadiin dhowante ariifattee hin cittu.
ECC 4:13 Mooticha jaarsa gowwaa gorsa hin fudhannee mannaa, dargageessa hiyyeessa qaroo woyya.
ECC 4:14 Dargaggeessi sun mana hidha'aa keessaa bayee mootii ka te'e yookiin biyyuma mootii itti te'eeru san keessatti hiyyeessa te'ee dhalateera fa'a te'a.
ECC 4:15 Worri biyya lafaa irra ideemaa le'u marti dargaggeessa addee mootichaa bu'u san hordofanuun dhagge.
ECC 4:16 Inni kolbaa bacaa bulchaa tureeyyu. Worri duubarra dhufe ammoo isatti hin gammanne; tunille bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa.
ECC 5:1 Yennaa gara Galma Waaqaa seentu miila keetii eeggadhu; caqasiisaaf qophowanee dhikaatiis, ciincaa gowwoole'ee, ka worra waan hantuu akka huje hin beenne caalti.
ECC 5:2 Afaan keetiin hin ariifatin; Waaqa duratti waan tokko dubbatiisaafille gadhaa keeti keessatti hin jarjarin. Waaqi ol-gubbaa jira; ati ammoo lafa irra jirta; maarre dubbiin teeti diqqoo teetuu ti.
ECC 5:3 Hujiin yennaa bacattu akkuma oojjuu namatti fiddu, addee dubbiin bacattutti dubbii gowwa'aatitti jira.
ECC 5:4 Waaqaaf yennaa waadaa galtu, muummessiisaaf hin turin. Inni worra gowwa'atti hin gammadu; waadaa keeti muummessi.
ECC 5:5 Waadaa galtee muummessiisa dhabuu irra, waadaa galiisa dhabuu woyya.
ECC 5:6 Afaan keeti gara cubbu'uu si hin geessin. Ergamaa Galma Waaqaatiin, «Waadaan ani gale dokonkora» hin jedhin. Maaniif Waaqi dubbii teetitti aaree hujii harka keetii balleessa ree?
ECC 5:7 Oojjuun baca'aa fi dubbiin bacaan bu'aa hin qaddu. Tanaaf, Waaqa sodaadhu.
ECC 5:8 Biyya tokko keessatti hiyyeessi cunqurfamee, muraan haqaatii fi mirgi isaa dhooggameen yoo dhaggite, waan akkasii san hin baaseffatin; qondaalli tokko qondaala isa ajaju tokkoon ilaallama; isaan lachuu irralle'etti ol aanaa dhibi'ittuu jira.
ECC 5:9 Wonni latti baachu ta nama maraa ti; mootichinuu fichaa irraa fayyadama.
ECC 5:10 Nami beesee jaalatu ijjumaa beesee hin quufu; nami durummaa jaalatulle ijjumaa bu'aa hin quufu; tunille bu'aa hin qaddu.
ECC 5:11 Karri yennaa bacattu, worri nyaatulle hin bacatan. Ka horate ila ifiitiin ilaaliisa malee, maan bu'aa isaaf qaba?
ECC 5:12 Hojjataan diqqoo yookiin guddoo nyaatulle hirriiba dansaa rafa; bacinni karra dureessaa ammoo hirriiba isa dhooggiti.
ECC 5:13 Wonni hantuun ani biyya lafaa irratti dhagge takka, karra abbaa horate miidhiisaaf tuulantu,
ECC 5:14 yookiin karra dedhuma baddu; inni yennaa ilma uumatu, harka ifii duwwaa hafa.
ECC 5:15 Nami qullaa ifii gadaamessa haadha ifii keessaa dhalata; akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; waan itti elowe keessaa tokkolle harkatti qabatee hin deemu.
ECC 5:16 Tunille waan hantuu akka malee nama gaddisiittu; nami akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; wonni itti elowe sun akka waan qilleensi fudhatee eega teete, inni bu'aa maan dhaggata ree?
ECC 5:17 Inni bara jiruu ifii mara gadda gudda'aan, dhibe'ee fi aari'iin dukkana keessa le'a.
ECC 5:18 Tun hiree isaa waan teeteef, nami bara jiruu ifii diqqoo Waaqi biyya lafaa irratti isaaf kenne tana keessatti nyaataa, unaa, waan itti elowe maratti gammadiis waan dansa'aa fi waan isaaf maltee akka teete hubadhe.
ECC 5:19 Waaqi karraa fi qabeenna namaaf kennee, akka nami hiree ifii fudhatee, waan itti elowetti gammadu, tun kennansa Waaqaa ti.
ECC 5:20 Waaqi gammada gadha'aa namaaf waan kennuuf, nami marroo bara jiruu ifiitiif hin yaaddowu.
ECC 6:1 Ani biyya lafaa irratti waan hantuu dhibii dhagge; isiille namootatti akka malee ulfaatti:
ECC 6:2 nami halchaa gadhaa ifii akka hin dhanne, Waaqi karra, qabeennaa fi ulfinna isaaf hin kenna. Ammoo alaga'atti qabeenna isaa nyaata malee, Waaqi akka inni qabeenna ifii nyaatu isa hin goone; tunille bu'aa hin qaddu; akka malee waan hantu'u.
ECC 6:3 Nami tokko ijoollee dhibba uumatee, bara bacaa le'uu dande'a; haga le'elle le'u, inni yoo karra ifiititti hin gammadin, ulfinnaan yoo hin awwaalamin, ani, «Isa caalaa finna du'ee dhalate woyya» jedha.
ECC 6:4 Finni adoo hin dhalatin du'e sun bu'aa hin qabu; maqaa malee, dukkana keessaa dukkanatti deebi'a.
ECC 6:5 Finni sun ijjumaa aduu dhagguu dhabulle yookiin womaa beekuu dhabulle, nama san caalaa foora qaba.
ECC 6:6 Namichi sun woggaa kuma lama yoo le'elle ammoo karra ifiitiin hin gammanne. Isaan lamaanuu addee takkaa dhaqanii motii ree?
ECC 6:7 Eloon namaa martinuu woma nyaatu dhaggatiisaaf; te'uu malee fedhiin isaa ijjumaa hin guuttu.
ECC 6:8 Nami qaroon nama gowwaa maaniin caala ree? Nami hiyyeessille namoota dhibii odduu attam akka le'u beekuun maan bu'aa isaaf qaba ree?
ECC 6:9 Halcha'aan joonjuu irra, waan ilti dhaggitu woyya. Halcha'aan joonjuun bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa.
ECC 6:10 Wonni amma jiru woma duruu maqaan itti moggaafame; nami maan akka te'e duruu beekkameera. Nami ka isa caalaa jabaatu woliin falmatuu hin dande'u.
ECC 6:11 Dubbiin bacattu, wonni bu'aa hin qannelle bacatti; isii keessaa nami maan bu'aa dhaggata ree?
ECC 6:12 Nami bara jiruu ifii ta bu'aa hin qanne, gabaadduu akka gaaddisaa dabartu tana keessa adoo jiruu, waan isaaf dansaa te'e eentu beeka? Inni du'een duuba biyya lafaa irratti waan te'uuf jiru eentu isatti himuu dande'a?
ECC 7:1 Fiqiree dansa'aa mannaa, maqaa dansaa woyya; guyyaa dhalootaatii mannaa guyyaa du'aa woyya.
ECC 7:2 Gara mana nyaataa fi unto'oo dhaqiisaa mannaa, gara mana bowaa dhaqiisa woyya; duuti muummee nama maraa waan teeteef, worri jiraataan tana qalbeeffatuu ti.
ECC 7:3 Gaddi qalbeeffatiisaaf dansaa waan te'eef, kollaa mannaa, gadda woyya.
ECC 7:4 Nami qaroon marroo gaddaa yaadata; nami gowwaan ammoo marroo gammadaa qofa yaadata.
ECC 7:5 Faaruu worra gowwa'aa caqasu'uu mannaa, xixicha nama qaro'oo caqasuu woyya.
ECC 7:6 Kolli nama gowwa'aa akka qoree okkotee jalaa xaxa'ittuu ti; tunille bu'aa hin qaddu.
ECC 7:7 Cunqursiisi nama qaroo gowwaa gooti; safuun qalbii nama balleessiti.
ECC 7:8 Jalqaba waan tokkootii mannaa, muummee isi'ii woyya; koora mannaa, ossata woyya.
ECC 7:9 Aariin bobaa gowwa'aa keessa waan jirtuuf, ati ariifattee hin aarin.
ECC 7:10 Gaaffiin akkasii gaaffii nama qaro'oo waan hin te'iniif, «Bara ammaatii mannaa, maaf bara durii woyya?» jettee hin gaafatin.
ECC 7:11 Qarummaan akkuma dhalaa dansa'a; worra lafa irra le'uuf bu'aa qaddi.
ECC 7:12 Akkuma beeseen gollaa namaaf teetu, qarummaalle gollaa namaaf teeti; irra caalaa ammoo qarummaan jiruu nama isii qabuu hin eeddi.
ECC 7:13 Me waan Waaqi godhe ilaali! Waan Waaqi dasse eentu qajeelchuu dande'a ree?
ECC 7:14 Barri dansaa yennaa te'e, gammadi; barri badaa yennaa te'e ammoo, hubadhu; Waaqi akkuma waan tokko dade, waan dhibiille dade; tanaaf nami waan gara duraa te'u hin beeku.
ECC 7:15 Ani bara jiruu tiyyaa ka bu'aa hin qanne kana keessa, nami balchaan tokko adoo balchaa te'eeruu du'uun, nami hamaan tokko adoo hamaa te'eeruu bara dheeraa le'uun, waan lamaan kana dhaggeera.
ECC 7:16 Ati akka malee balchaa, akka malee qaroolle hin te'in. Yoo akkas teete ifi balleessita.
ECC 7:17 Yennaa teeti malee akka hin duuneef, akka malee hamaa, akka maleelle gowwaa hin te'in.
ECC 7:18 Waan tokko qabatanee, ta dhibiille lakkisuu dhabiis dansa'a. Nami Waaqa sodaatu waan mara irra haga taree hin deemu.
ECC 7:19 Bulchitoota kudhan qachaa tokko keessa jiranu caalaa, qarummaan nama qaroo tokkoof jabeenna kenniti.
ECC 7:20 Nami balchaan yennaa mara waan dansaa huju, cubbuulle ka ijjumaa hin hunye, lafa irra hin jiru.
ECC 7:21 Tajaajilaan keeti si abaaruun akka hin dhageenneef, jecha kolbaan jettu mara hin caqasin;
ECC 7:22 atinuu yennaa hedduu worra dhibii akka abaarte, gadhaan keeti hin beeka.
ECC 7:23 Ani qarumma'aan waan kana mara haga ilaalee, «Ani qaroo hin te'a» jedhee yaade. Qarummaan ammoo na irraa fagaatte.
ECC 7:24 Qarummaan waan teetelle teetu, waan fagoo jirtu; waan guddoo gad fagaatteertulle'e. Eentu barbaadee isii dhagguu dande'a?
ECC 7:25 Tanaaf ani qalbii tiyya gara beekkumsaa, gara wo qorqoriisaa, gara qarummaa barbaadiisaa, gara hiikkaa hundee waan mara barbaadiisaa, gara dadhabbii worra gowwoole'ee hubatiisaatii fi gowwummaan maraatiisa akka teete hubatiisaa deebifadhe.
ECC 7:26 Ani dubartii akka tiyyo'oo, ta yaad isi'ii akka fonxoro'oo, ta harki isi'ii akka haachabaa, ta du'a caalaa hadhoottu dhagge. Nami Waaqaa isii jalaa hin miliqa; cubbicha ammoo akka tiyyo'oo hin qabatti.
ECC 7:27 Lallabaan sun, «Kunoo, wonni ani qorqore tana: hundee waan maraa qorqoriisaaf, waan tokko waan dhibii irratti ede'ee,
ECC 7:28 adoo barbaadiisatti jiruu ammoo ammalle hin dhaggine. Namoota kuma oddu'utti namicha yaada qajeelaa qabu tokkocha dhaggeera; isaan mara oddu'utti ammoo dubartii qajeeltuu takkattiille hin dhaggine.
ECC 7:29 Ani tana callaa dhagge: Waaqi nama yaada qajeelaa qabu dade; namooti ammoo mala hedduu barbaadane» jedha.
ECC 8:1 Nami akka nama qaro'oo hiikkaa woyii beeku eennu? Qarummaan fuula namaa ifaallessa gooti; nyaara namaalle hin jijjiirti.
ECC 8:2 Waaqa duratti waan kakatteef, ajaja mooti'ii muummessi.
ECC 8:3 Fuula mooti'ii duraa deemiisaaf hin ariifatin; inni waan jaalate godhiisa waan dande'uuf, dubbii baddu'uuf hin dhaabbatin.
ECC 8:4 Jechi mooti'ii baallii waan qabuuf, «Ati maaf waan kana goota?» ka jedhuu dande'u eennu?
ECC 8:5 Nami ajaja mooti'iitiif ajajamu hin miidhamu; gadhaan nama qaro'oo yennaa wo itti hujuu fi akka itti wo huju hin beeka.
ECC 8:6 Rakkinni namaa akka malee itti ulfaatulle, waan maraaf yennaa itti teetuu fi akka itti teetutti jira.
ECC 8:7 Nami waan gara duraa te'u eega hin beenne, waan dhufu'uu jiru eentu itti himuu dande'a ree?
ECC 8:8 Nami hafuura isa keessaa bawu irratti, guyyaa du'a ifii irralle'etti baallii qabu hin jiru. Akkuma nami Yennaa lolaa keessa gad lakkifamuu hin dandeenne, wonni hantuun worra isii huju gad hin lakkittu.
ECC 8:9 Ani waan biyya lafaa irratti hujame mara qalbii tiyyaan qorqoree dhagge. Nami nama miidhiisaaf, yennaa nama dhibii irratti goottaa te'utti jira.
ECC 8:10 Akkasuma, ani worri hamaan addee woyyitti'ii gad bayaa, ol seenaa turane, awwaalamanee dhagge; isaan qachuma waan hantuu itti hujane keessatti leellifamane. Tunille bu'aa hin qaddu.
ECC 8:11 Yakkaa irratti muraan ariiti'iin yennaa hin kennamin, gadhaan kolba'aa mala hantuu hujiisaatiin guutama.
ECC 8:12 Nami cubbaalessi yennaa dhibba yakkaa hujee bara dheeraa le'ulle, worra Waaqa sodaatu, ka ulfinna Waaqaaf kennuuf wonni dansaan akka teetuuf ani hin beeka.
ECC 8:13 Nami hamaan ammoo Waaqa waan hin sodaanneef, wonni dansaan isaaf hin teetu; barri isaalle akka gaaddisaa hin dheeratuuf.
ECC 8:14 Wonni dhibiin bu'aa hin qanne takka lafa irra jirti: waan nama balcha'aaf te'u nami hamaan, waan nama hama'aaf te'u nami balchaan fudhata; tunille waan bu'aa hin qanne.
ECC 8:15 Nami biyya lafaa irra le'u nyaatee, unee, gammadiisa caalaa wonni tokkolle waan hin jirreef, maarre ani gammadiis dansaa akka te'e murteesse; tanaaf, nami bara Waaqi biyyaa lafaa irratti jiruu isaaf kenne mara hujii ifiititti hin gammada.
ECC 8:16 Ani qarummaa beekiisaaf, eloo namaa ta lafa irratti halkanii fi guyyaa ilti isaa hirriiba hin qanne hubatiisaaf, qalbii tiyyaan yennaa qorqoru,
ECC 8:17 waan Waaqi huje mara dhagge; waan biyya lafaa irratti godhamu eennulle beekuu hin dande'u; nami qorqoriisaaf guddoo wodhaanulle hiikkaa dhaggiisaaf hin dande'u; nami qaroon, «Hin beeka» yoo jedhelle, ijjumaa hubatuu hin dande'u.
ECC 9:1 Ani kana maraa hubatiisaaf wodhaaneera. Nami balcha'aa fi qaroon, hujiin isaaniille harka Waaqaa keessa jirti; wonni isaan eeggatu, jaalala yookiin jibba akka te'e, nami beeku hin jiru.
ECC 9:2 Nami balcha'aa fi hamaan, nami dansa'aa fi badaan, qulqullichii fi battichi, ka ciincaa dhikeessuu fi ka hin dhikeessine martinuu hiruma tokko qaban. Nama dansa'aaf akkuma teetu, nama cubbichaafille teeti; worra kakatuuf akkuma teetu, worra kakuu sodaatuufille teeti.
ECC 9:3 Waan biyya lafaa irratti te'u mara keessaa wonni hantuun hiree tokko dhaggatiisa nama maraa ti; irra caala'aayyuu, gadhaan namootaa hammeennaan guutameera; bara jiruu isaanii mara maraattummaan gadhaa isaanii keessa jirti; muummee irratti gara du'aa deeman.
ECC 9:4 Nami odduu worra jiraata'aa jiru ammoo addii qaba; neenqa du'ee mannaa, saree jirtu woyya.
ECC 9:5 Worri jiru akka du'anu hin beekan; worri du'e ammoo waan tokkooyyuu hin beekanu; gatii hin qabaatanu; dabarsiin isaaniituu hin dedhanti.
ECC 9:6 Jaalalli isaanii, jibbaa fi hinaaffaan isaanii eega baddee turteerti; waan biyya lafaa irratti te'u keessatti isaan ijjumaa qooda hin qabanu.
ECC 9:7 Wonni ati amma gootu Waaqa duratti fudhatama waan qadduuf, dhaqiitii sagalee teeti gammadaan nyaadhu; daadhii woyni'ii teetille gadhaa gammadaatiin uni.
ECC 9:8 Yennaa mara woyaa adii uffadhu; mataa keetille zayitii ejersaa dibadhu.
ECC 9:9 Jiruu teetii fi biyya lafaa ta irratti eloottu keessatti tun hiree teeti waan teeteef, bara jiru'uu ka bu'aan hin qanne ka Waaqi si'iif kenne kana mara keessatti, niitii teeti ta jaalattu woliin gammadi!
ECC 9:10 Addee worri du'e jiru, ta ati dhaqiisaaf jirtu san hujiin yookiin itti yaadanee wo qopheeffatiis yookiin beekkumsi yookiin qarummaan waan hin jirreef, waan harki keeti hujiisa beeku mara hunna teeti guutu'uun huji!
ECC 9:11 Ani ammalle waan dhibii biyya lafaa irratti dhagge: worri akka malee rukkisu yennaa mara hin injifatu yookiin loltooti jajjabbaan lola hin injifattu yookiin qaroon sagalee hin qabu yookiin beekaan durummaa hin qabu yookiin worri dandeettii qabu hin leellifamu; yenna'aa fi hireen ammoo isaan mara irratti hin teeti.
ECC 9:12 Nami hiree isaa badduun yoom akka itti dhuttu hin beeku; akkuma qurxummiin caccoo hantuu seentee qabantu, akkuma sinbirreen ribboo jala seentu, ilmaan namaalle yennaa hantuu dedhuma isaanitti dhuttuun hin qabaman.
ECC 9:13 Ani ammalle biyya lafaa irratti fakkeenna qarumma'aa ka guddoo natti maadee te'e tokko dhagge:
ECC 9:14 qachaan diqqaan nami diqqaan keessa le'u tokko jiraayyu; mootiin hunnaamessi tokko dhufee lola itti kaasee, kaabii guddoo marsee itti ijaare.
ECC 9:15 Namichi hiyyeessi qaroon qachaa san keessa le'u tokko jiraayyu; inni qarummaa ifiitiin qachaa san hambure. Ammoo namicha hiyyeessa san nami tokkolle hin qaabanne.
ECC 9:16 Maarre ani, «Qarummaan jabeenna caalti» jedhe; ammoo namichi kun hiyyeessa waan te'eef, qarummaan isaa tuffatante; jecha isaalle nami dhage'e hin jiru.
ECC 9:17 Iyya bulchaa gowwoole'eetii mannaa, dubbii qaroon laana dubbatu woyya.
ECC 9:18 Qarummaan meya woraanaa caalti; cubbaalessi tokko ammoo waan dansaa bacaa balleessa.
ECC 10:1 Akkuma tiitichi du'e fiqiree ajeessu, gowwummaan diqqoon qarumma'aa fi ulfinna namaa diqqeessiti.
ECC 10:2 Qalbiin nama qaro'oo gara karaa qajeelaa isa geessiti; qalbiin nama gowwa'aa ammoo gara karaa dokonkoraa isa geessiti.
ECC 10:3 Gowwaan karaa yennaa ideemuuyyuu, wodanaa hin qabu; inni attam gowwaa akka te'e eennulle'etti hin mudhisa.
ECC 10:4 Bulchaan keeti sitti aaree yoo si irratti ka'e, addee teeti gad hin lakkisin; sarmiis aarii guddoo qabbaneessiti.
ECC 10:5 Waan hantuu ani biyya lafaa irratti dhagge keessaa tokko, dokonkora bulchaan huju.
ECC 10:6 Gowwooleen addee ulfinnaa tee'anee, dureeyyiin ammoo addee gad aantuu tee'aneeran.
ECC 10:7 Qondaaltoti akka garbootaa miilaan ideentuun, garboota farda irratti dhagge.
ECC 10:8 Nami boolla qotu ifumaafuu keessa bu'a. Nama dalleya dhaka'aa diigu dhudhuufaan hin idda.
ECC 10:9 Nama dhakaa fonqolchu, dhakaan hin miidha; nama muka fadhaansu muki sun hin madeessa.
ECC 10:10 Agaraan duude yoo hin qaramin, hunna guddoo barbaachisa; dandeettiin ammoo nama milkeessiti.
ECC 10:11 Dhudhuufaan adoo qorsaan hin muusowin yoo idde, namichi qorsaan muusessu sun womaa bu'aa hin dhaggatu.
ECC 10:12 Dubbiin afaan nama qaro'oo keessaa baatu, fudhatama qaddi; nami gowwaan ammoo dubbuma ifiitiin bada.
ECC 10:13 Jalqaba irratti dubbiin isaa gowwumma'a; dhuma irratti maraattummaa hantu'u.
ECC 10:14 Gowwaan dubbii baceessa. Waan dhufu'uu jiru, nami beeku tokkolle hin jiru; nami du'een duuba, waan te'uuf jiru, eentu isatti himuu dande'a ree?
ECC 10:15 Hujiin gowwa'aa isuma dadhassiitti; inni karaa gara qacha'aa geessuuyyuu hin beeku.
ECC 10:16 Ee biyya mootiin ijoollichaa, ta qondaaltoti teeti ganamaan jila nyaataa fi unto'oo qopheeffattu si'iif aanne'e!
ECC 10:17 Ee biyya mootiin keeti sanyii dansa'aa, ta qondaaltoti teeti machi'iif adoo hin te'in, ittiin jabaatiisaaf, yennaa barbaachisaa teetetti nyaatanee unanu, ati ta hiree dansaa qaddu!
ECC 10:18 Nami yoo booseya te'e, heellichoon hin duufa; harka ifii maratee yoo tee'e, manni hin dhim'isa.
ECC 10:19 Jilti areerti'ii nama gammachiisiisaaf qophootti; daadhiin woyni'ii jiruu namaa gammachiitti; beeseen ammoo waan mara bitti.
ECC 10:20 Yaada keeti keessatti mootii hin abaarin yookiin kolloo teeti keessatti dureessa hin abaarin; sababille worri akka sinbirree koolaan kaatuu tokko dubbii teeti fuudhee, waan ati jettu hin hima fa'a te'a.
ECC 11:1 Guyyaa heddu'uun duuba deebitee waan dhaggattuuf, midhaan keeti bisaan irra ergi.
ECC 11:2 Balaa hamaa lafa irratti dhufu ati waan hin beenneef, karra teeti addee torbatti yookiin saddeetitti qoodii maffadhu.
ECC 11:3 Duumensa keessa bisaan yoo guute, bokkeenni lafa irratti rooba. Muki gara kibbaa yookiin gara kaabaa yoo jige, adduma itti jige san hin irkata.
ECC 11:4 Nami yennaa mara qilleensa dansaa eegatu hin facaafatu; nami yennaa mara duumensa ilaalu hin haammatu.
ECC 11:5 Qilleensi eessa akka deemu yookiin jiruun yookiin hafuurri gara finna gadaamessa haadhaa keessa jiruu attam akka seenu akkuma beekuu hin dandeenne, ati hujii Waaqa waan mara dadee beekuu hin dandeettu.
ECC 11:6 Waan ati facaatte keessaa ka tolu kam akka te'e waan hin beenneef, midhaan keeti ganamaan facaasi; galgalalle harki keeti hujii hin lakkisin; kun yookiin sun yookiin lamaanuu hin tola fa te'a.
ECC 11:7 Ifi dansa'a; aduu ilaaliis ilatti tola.
ECC 11:8 Nami bara hedduu le'ulle, bara san mara gammaduu ti; ammoo barri dukkanaa bacaa akka te'e qaabatuu ti. Wonni dhufu martinuu bu'aa hin qabu.
ECC 11:9 Ee dargaggeessa, yennaa dargaggummaa teetii gammadi! Bara dargaggummaa teetii gadhaan keeti gammaduu ti; yaada gadhaa keetii, waan ilti teeti dhaggite gula deemi; waan kana maraaf ammoo, Waaqi gara mura'aa akka si fidu beeki.
ECC 11:10 Tanaaf gadhaa keeti keessaa yaaddoo fageessi; nafa keeti keessaa waan hantuu baasi. Sababille dargaggumma'aa fi jabeenni bu'aa hin qaddu.
ECC 12:1 Barri rakko'oo adoo hin dhufin, woggooti, ati, «Ana hin gammachiisanu» jettulle adoo hin dhikaatin, bara dargaggummaa teetii ka si dade qaabadhu.
ECC 12:2 Ati yennaa dulloontu aduun, ifi, jiinii fi urjiin hin dukkanowan; duumensi bokkeyaa hin dabaru.
ECC 12:3 Yennaa san harki keeti hin hollata; miilli keeti hin dadhaba; ilkaan keeti waan si irraa harca'uuf corqitee hin dandeettu; ilti teetille hubattee hin dhaggitu.
ECC 12:4 Yennaa san gurri keeti dhage'uu hin dadhaba; yennaa wo nyaattulle corqiis hin dhage'amu; namooti yennaa sinbirreen woccu hin ka'an; qoonqoon woca isaanii ammoo sitti diqqoo dhage'ama.
ECC 12:5 Yennaa san tarba bayiisa hin sodaatta; miilaan deemiisa guddoo hin sodaatta; rifeensi keeti akka daraaraa muka «Almond» jedhamuu adii hin te'a; yennaa ideentu akka korophiisaa hin tatabbitta; fedhiin teeti hin baddi. Achiin duuba ati gara mana keeti ka bara baraa hin deenta; kolbaan awwaala keetiif hin yaati.
ECC 12:6 Jiruun teeti akka haachaba meeti'ii adoo hin citin yookiin akka qorii worqi'ii adoo hin cabin yookiin akka waan bisaaniin woraabbatanuu, madda biratti adoo hin bututin yookiin akka korboo bisaan boollaa ittiin woraabbatanuu, adoo hin cabin,
ECC 12:7 biyyeen gara biyye'ee adoo hin deebi'in, hafuurrille gara Waaqa isa kennee adoo hin deebi'in ka si dade qaabadhu.
ECC 12:8 Lallabaan, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Dhugumaan bu'aa hin qaddu!» jedha.
ECC 12:9 Lallabaan qaroo waan te'eef, waan ifii beeku kolbaa barsiise; mammaassa hedduu itti yaadee, qorqoree, tarree galchee qopheesse.
ECC 12:10 Inni jecha sirri'ii dhaggiisaaf qorqoree, waan dhugaa te'ee fi sirrii te'e barreesse.
ECC 12:11 Jechooti qaroole'ee akka sibiila mutaa qotiyyoo ittiin oofanuu ti; jechooti isaanii ka wolitti qabamane, akka mismaara lixee seenee ti; jechi kun martinuu Waaqa tokkocha nu mara tissu irraa kennamane.
ECC 12:12 Ilma kiyya, gorsa dhibii kanatti aanee jirulle fudhadhu! Kitaabota hedduu barreessiisille muummee hin qabu; kitaaba qorqortii baceessiis nama dadhassiisa.
ECC 12:13 Amma wonni marti dhage'anteerti; muummeen waan maraa tana waan teeteef, Waaqa sodaadhu; ajaja isaa eeggadhu; hujiin namaa guddittiin tana.
ECC 12:14 Waaqi hujii maraayyuu, dansaalle teetu yookiin hantuu, ta dhokaataatitti hujantelle, gara mura'aa hin fida.
SOL 1:1 Faaruu Solomoonii ta faaruu mara caaltu.
SOL 1:2 «Jaalalli keeti daadhii woyni'ii waan caaluuf, afaan kiyya keessa na sunqadhu.
SOL 1:3 Fooleen fiqiree teetii hin uddootti; maqaan keeti akka fiqiree dhangalaatuu ti; tanaaf durri marti si jaalatti.
SOL 1:4 Na fudhadhuu deemi! Ariifannuu ti; ee, mooticha gara kolloo teetii na geessi. Jaaloti Nuuti si'iin firinxiindhee hin gammanna; daadhii woyni'ii caalaa jaalala keeti leellinna; dubartooti marti dhuguma si jaalatan.
SOL 1:5 Ee, durra Yerusaalemii! Ani gurraattii te'ulle, akka dunkaanii Qedaarii, akka gollaa mana mootummaa Solomoonii miidhaga.
SOL 1:6 Ani gurraattii waan te'eef, aduun waan na gurraachessiteef, na hin daaw'atina'a! Obboleeyyan tiyya natti aaranee, oorruu muka woyni'ii akka eegu na godhane; muka woyni'ii kiyya ani hin eeganne.
SOL 1:7 Jaala kiyya ka lubbu'uu! Hoolee teeti eessa akka tiffattu, Waareelle eessatti akka boqachiifattu natti himi. Ani maaniif hoolee jaalota teetii bira akka dubartii fuula hagooggattee joonja?» jette.
SOL 1:8 Ati ta dubartii mara caalaa miidhaddu! Yoo hin beenne teete, hoolee gula ideemi! Ilmoolee re'e'ee teeti dunkaanii tissitootaa bira dheechifadhu.
SOL 1:9 Obboleettii tiyya! Ati fardoo garreettaa fardaan harkifamu harkisanu ka Fara'oonii keessaa akka farda tokkoo ti.
SOL 1:10 Mallaan teeti seesaan, mormi keetille dooqaan miidhageera.
SOL 1:11 Ani worqii gurraa, ta meeti'iin seefante hujisiisa.
SOL 1:12 Mootiin areerratiisatti jiruun, fiqireen tiyya uddaa ifii fiqqitte.
SOL 1:13 Jaalalleen kiyya akka subba qumbi'ii ti; inni odduu harma kiyyaa boqata.
SOL 1:14 Jaalalleen kiyya naaf akka daraaraa uddowu, ka addee muka woyni'ii ka madda En-Gedii keessaa ti.
SOL 1:15 Ee, jaalallee tiyya, ati attam attam miidhadda! Ee, attam attam miidhadda! Ilti teeti akka ila saphaliisaa ti.
SOL 1:16 Jaalallee kiyya, ati attam attam miidhadda! Ati attam attam nama gammachiitta! Taqeen teenna akka marra bisile'ee ti.
SOL 1:17 Utubaan mana keennaa muka hindheensaa ti; dagaleen isaalle muka birbirsaa ti.
SOL 2:1 Ani akka daraaraa lafa Sharoniitii fi akka daraaraa dhooqa keessaa ti.
SOL 2:2 Jaalalleen tiyya dubartoota oddu'utti akka daraaraa qoree odduu jiruu ti.
SOL 2:3 Jaalalleen kiyya dargaggoota oddu'utti, akka muka appili'ii ka baddaa keessa jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala tee'iisatti hin gammada; midhaan isaalle afaan kiyyatti hin mi'owa.
SOL 2:4 Inni gara mana gammadaa na geesse; beessisi jaalala isaa na irra jira.
SOL 2:5 Ani jaalala isaatiin qabame waan gaggabeef, midhaan woyni'ii nyaachisa'aatii na jabeessa'a; midhaan muka appili'iitiin na gammachiisa'a.
SOL 2:6 Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa; harki isaa middichi adoo na hanqafataa.
SOL 2:7 Ee dubartoota Yerusaalemii, haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti, jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine, ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin, isin magannifadha.
SOL 2:8 Kunoo, jaalalleen kiyya, gaarota irra u'utaalaa, koobota irra burraaqaa dhufuun qoonqoo dhage'a.
SOL 2:9 Jaalalleen kiyya jilibaa yookiin ilmoolee gadansaa fakkaata. Kunoo inni dalleya mana keennaa duuba dhaabbata; qowa dalleyaatiin, fodda'aan gara keessaa ilaaliisatti jira.
SOL 2:10 Jaalalleen kiyya natti dubbatee, «Jaalallee tiyya, dansittii tiyya! Koy, woliin ideenna.
SOL 2:11 Kunoo, ganni dabareera; bokkeenni roobuu lakkisee caameera.
SOL 2:12 Daraaraan baquu jalqabeera; yennaan faaruu faarfatanu geetteerti; qoonqoon saphaliisaa lafa teenna keessatti dhage'anteerti.
SOL 2:13 Harruun midhaanotteerti; woyniille daraartee uddootteerti. Jaalallee tiyya, dansittii tiyya! Ka'i, woliin ideenna» naan jedhe.
SOL 2:14 Ee, saphaliisa tiyya, ta holla dhakaa keessaa, ta addee dhokata gaara keessaa, fuula keeti natti mudhisi; qoonqoo teeti na dhageessis; qoonqoon teeti natti tolti; fuulli keeti natti miidhaga.
SOL 2:15 Jeedalootaa fi ilmoolee jeedalootaa worra woynii teenna ta daraariisatti jirtu nu duraa balleessu, nuu qaba'a.
SOL 2:16 Jaalalleen kiyya, kiyyuma; anille ta isaa ti; inni daraaraa dansaa keessa horii tissa.
SOL 2:17 Ee jaalallee kiyya! Adoo boruun hin dayya'in, aduun adoo hin bayin, akka jiliba'aa yookiin akka ilmoolee gadansaa, gaara bu'aa bayii qabu irra utaalaa gara kiyya koy.
SOL 3:1 Ani halkan guutuu taqee tiyya irratti jaala kiyya ka lubbu'uu barbaade; ani isa barbaade ammoo hin dhaggine.
SOL 3:2 Ani amma ka'ee qachaa keessa, karaa irra, woldeennaa kara'aa irra deddeemee, jaala kiyya ka lubbu'uu hin barbaada; ani barbaade ammoo isa hin dhaggine.
SOL 3:3 Worri qachaa eegu adoo asii fi achi deemanuu, na dhaggane; anille, «Jaala kiyya ka lubbu'uu dhaggitaneertanii?» jedhee gaafadhe.
SOL 3:4 Isaan irra akkuma dabareen, jaala kiyya ka lubbu'uu san dhaggee, isa qabadhe; gara mana haadha tiyyaa, gara kolloo haadha na deetteetitti haga isa geeffadhutti gad isa hin lakkinne.
SOL 3:5 Ee dubartoota Yerusaalemii, haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti, jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine, ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin, isin magannifadha.
SOL 3:6 Ka lafa goomole'ee keessaa akka duumensa aaraa ol bayiisatti jiru, ka akka fiqiree qumbi'ii fi hixaanaan daldaltooti uddowaa mara irraa hujattee kun eennu?
SOL 3:7 Kunoo, barcumaan mootumma'aa ka Solomoonii, loltoota hunnaameyyii Israa'elii keessaa ta filatante jaatamaan marfameera.
SOL 3:8 Marti isaaniituu shallaagaa hidhatan; martinuu muuxannoo lolaa qaban; bidhaa halkaniitiif tokko tokkoon isaanii shallaagaa hidhataneeran.
SOL 3:9 Mootichi Solomoon muka Libaanonii irraa, barcumaa mootumma'aa ka ifii hujisiifate.
SOL 3:10 Miilli barcumaa mootumma'aa sanii meetii irraa, irkoon isaa worqii irraa, addeen tee'iisaa woyaa dhiille'een gonfameera; keessa isaa dubartoota Yerusaalemiititti seesee huje.
SOL 3:11 Ee Dubartoota Yerusaalemii, dhaqa'aatii kallacha Solomoonii mootichaa, ka haati isaa guyyaa fuudha isaa, guyyaa gadhaan isaa gammadetti itti keette ilaala'a.
SOL 4:1 Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i! Ee, ati attam attam dansitti'i! Ilti teeti shaashii ati hagooggattu keessaa, akka ila saphaliisaa kuulle'e; rifeensi mataa keetii re'oota gaara Giil'aadii irraa gad yaa'anu fakkaata.
SOL 4:2 Ilkaan keeti akka hoolota adii yennaa rifeensi isaanii muramu nafi isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayanuu ti; hooloti tun martinuu lakkuu dhalti; maseenti takkaalle isaan keessa hin jirtu.
SOL 4:3 Hidhiin teeti haarrii diintuu fakkaatti; haasonni keeti namatti tola. Mallaan teeti shaashii ati hagooggattu keessaa, midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaata.
SOL 4:4 Mormi keeti xelleephoo Daawitii, ta wonteen gugurdoon kum tokko, wonteen goototaa martinuu itti fannifamanu fakkaata.
SOL 4:5 Harmi keeti lamaanuu jilibaa ilmoolee, lakkuu jilibaa ilmoole'ee, ta daraaraa keessa dheeddu fakkaata.
SOL 4:6 Adoo boruun hin dayya'in, aduun adoo hin bayin, ani gara gaara qumbi'iitii fi gara kooba hixaanaa hin dhaqa.
SOL 4:7 Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i! Womaa dhidhinna hin qaddu.
SOL 4:8 Waajibittii tiyya, Libaanon irraa gara kiyya koy! Libaanon irraa gara kiyya koy! Qaccee gaara Amaanaa irraa, qaccee gaara Siinaariitii fi Hermoonii, goda neenqaa, koobota qeeransaa irralle gad bu'i.
SOL 4:9 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya! Ati midhuu teeti takkatti'iin, dirata morma keetiitiin qalbii tiyya boojite.
SOL 4:10 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya! Jaalalli keeti attam attam nama gammachiisa! daadhii woyni'ii caalaa attam attam gabbi nama godha! Fooleen fiqiree teetii uddowaa mara caalti.
SOL 4:11 Waajibittii tiyya! Hidhiin teeti akka dhaaba dammaa nadhii coccossiti; aananii fi dammi arraba keeti jala jiran; fooleen woyaa teetii akka foolee hindheensa Libaanonii ti.
SOL 4:12 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya! Ati akka oorruu itti ijaaramee ti; akka madda dalleyaan marfameetii fi akka burqaa cuqqaalamee ti.
SOL 4:13 Ati akka oorruu muka rumaanii, ka midhaan dansaa buusu, ka daraaraan uddowuu fi biqiltuun naardoosii achi keessa jiranuu ti.
SOL 4:14 Muki Naardoosii, biqiltuun uddoottu, marri uddowu, qarafaan, muki hixaanaa, muki qumbi'ii, daraaraan hargiisaatii fi uddowaan dansaan adda addaa marti achi keessa jiran.
SOL 4:15 Ati akka burqaa bisaan addee oorru'uu, ka boolla keessaa yaa'u, bisaan gaara Libaanoniitii gad yaa'uu ti.
SOL 4:16 Ee, qilleensa kaabaa dammaqi! Ee, qilleensa kibbaa koy! Oorruu tiyyatti qilleensi; fooleen isi'ii uddoottuun fiqittuu ti. Jaalalleen kiyya gara oorruu ifii dhufee midhaan oorruu ifii dansaa nyaatuu ti.
SOL 5:1 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya! Ani gara oorruu tiyyaa dhufeera; qumbii tiyyaa fi uddowaa kiyya wolitti qabadheera; nadhii dhaaba damma kiyyaa nyaadheera; daadhii woyni'ii tiyyaa fi aanan kiyya uneera. Jaaloti Nyaadha'a, jaalota, una'a, jaalalaan machowa'a!
SOL 5:2 Ani rafeera; yaadi kiyya ammoo rafee hin jiru; jaalalleen kiyya balbala dhodhowaa, «Obboleettii tiyya, jaalallee tiyya! Saphaliisa tiyya, ta dhidhinna hin qanne, naa bani! Mataan kiyya fixeensaan, rifeensi mataa kiyyaalle dabana halkaniitiin jiidheera» jedhuun dhage'e.
SOL 5:3 Ani ammoo, «Woyaa tiyya baafadheeraa, attam deebisee uffadha ree? Ani miila kiyya dhiqadheera, attam deebisee xureessa ree?» jedheen.
SOL 5:4 Jaalalleen kiyya karaa qowaatiin harka ifii gara keessaa keye; gadhaan kiyya isaaf na raafame.
SOL 5:5 Ani jaalallee kiyyaaf balbala baniisaaf ka'ee, harka kiyyaan qabannoo cufana'aa yennaa qabadhe, fiqireen qumbi'ii harka kiyya irraa coccoxxee, qabannoo san irratti dhangalaate.
SOL 5:6 Ani jaalallee kiyyaaf balbala bane; inni ammoo deebi'ee deemeera. Yennaa inni dubbate san, gadhaan na rifate. Ani isa barbaade; ammoo hin dhaggine. Ani isa waame; inni na jalaa hin owwaanne.
SOL 5:7 Namooti asii fi achi deemaa qachaa eeganu na dhaggane; isaan dikanee na madeessane; eeddoti dalleya qacha'aa woyaa tiyya na irraa mulqane.
SOL 5:8 Ee, dubartoota Yerusaalemii, jaalallee kiyya yennaa dhaggitane, maan isatti hintan seetan? Ani jaalala isaatiin akka dhibameeru, itti naa hima'a.
SOL 5:9 Ati ta dubartoota mara caalaa dansittii teete! Jaalalleen keeti worra kaan ka attam caalu inni? Ati akkas ka nu magannifattu, jaalalleen keeti worra kaan ka attam caalu inni?
SOL 5:10 Jaalalleen kiyya diimaa hargiisa; inni nama kuma kudhan keessalle'etti hin mudhata.
SOL 5:11 Buqqiin mataa isaa worqii qulluu fakkaatti; rifeensi mataa isaa luuccaa, gurraacha akka harraaqessaa ti.
SOL 5:12 Ilti isaa akka saphaliisa adii madda bisaanii bira tee'uu, ka akka waan aananiin dhiqatee addaatuu, akka dooqaa jirti.
SOL 5:13 Mallaan isaa akka oorruu uddowa'aa ti; hidhiin isaa akka daraaraa fiqiree qumbi'ii dhangalaasuu ti.
SOL 5:14 Harki isaa ulee worqi'ii ta dooqaan seefante fakkaata; nafi isaa ilka arbaa ka dhakaa, «Safiiros» jedhamuun seefame fakkaata.
SOL 5:15 Miilli isaa utubaa cabbii cululuxxu'uu, ka worqii qulluu irra dhaabbatu fakkaata. Inni gaara Libaanonii fakkaata; akka hindheensa Libaanonii ka mara caalaa filatame.
SOL 5:16 Haasonni isaa guddoo mi'owa; inni guddoo jaalatama'a. Ee, dubartoota Yerusaalemii, jaalalleen kiyya, jaalli kiyya isa.
SOL 6:1 Ati ta dubartoota caalaa dansittii teete! Jaalalleen keeti eessa dhaqe? Akka si woliin barbaannu, karaa kam gore?
SOL 6:2 Jaalalleen kiyya horii tiffatiisaaf, daraaraalle guuratiisaaf, gara oorruu uddowaa ifii gad dhaqeera.
SOL 6:3 Ani ta jaalallee kiyyaa ti; innille kiyya; inni odduu daraara'aa horii tissa.
SOL 6:4 Ee, jaalallee tiyya, ati akka qachaa Tiiza'aa miidhadda; akka qachaa Yerusaalemii tolta; akka loltoota baandiraa qabatanee deemanuu arnya qadda.
SOL 6:5 Ilti teeti waan na boojiteef, na irraa deebifadhu! Rifeensi mataa keetii re'oota gaara Giil'aadii irraa gad yaatu fakkaata.
SOL 6:6 Ilkaan keeti akka hoolota adii dhiqamanee bisaan keessaa bayanuu addaata; hooloti tun martinuu lakkuu dhalti malee isaan keessa maseenti hin jirtu.
SOL 6:7 Mallaan teeti lamaan shaashii ati hagooggattu keessaa, midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaatti.
SOL 6:8 Giittoti jaatamaa fi gursumeeyyiin saddeettami, durri laakkossi isaanii haga hin qanne, jiraachuu dande'an.
SOL 6:9 Saphaliisi tiyya ta anaaf dhidhinna hin qanne isii qofa; isiin haadha ifiitiif takkatti'i; ta isii deette isii jaalatti. Ijoolleen durraa isii dhagganee «Ati ta leellifante» jedhaneen; giittotii fi gursumeeyyiille isii leellisane.
SOL 6:10 Ta akka boruu dayya'uu mudhattu, ta akka ji'aa miidhaddu, ta akka adu'uu issitu, ta akka loltoota baandiraa qabatanuu arnya qaddu tun eennu?
SOL 6:11 Ani muki woyni'ii akka quunxe, muki rumaaniille akka guntute ilaaliisaaf, gara dhooqa oorruu muka, «Almond» jedhamuu gad dhaqe.
SOL 6:12 Adoo ani hin beekin halchaan tiyya na buttee, garreettaa fardaan harkifamu ka qondaaltota kolbaa tiyyaa keessa na keette.
SOL 6:13 Ee, Shulaamitti'i! Deebi'i, deebi'i! Akka nuuti si ilaalluuf, deebi'i, deebi'i! Waajibichi Akka nama sirba darabaa lamaa ilaaluu, Shulaamittii tana isin maaf ilaaltan?
SOL 7:1 Ee, intala qondaalaa! Miilli keeti kophee bexxellicha keessaa, attam attam dansa'a! Baarreen tafa keetii dooqa harki nama hujii harkaa beeku huje fakkaata.
SOL 7:2 Handhurti teeti kuruurruu akka qorii daadhiin woyni'ii keessaa hin dhabannee fakkaatti. Uffaan keeti tuulaa qamadi'ii ta daraaraan itti naanneffame fakkaata.
SOL 7:3 Harmi keeti lamaanuu lakkuu ilmoolee jiliba'aa fakkaata.
SOL 7:4 Mormi keeti xelleephoo ilka arbaa irraa hujante fakkaata. Ilti teeti lamaanuu baleessa Heshiboonii ka karra Batraabiimii biraa fakkaatan. Funnaan keeti xelleephoo Libaanonii ta gara Damaasqo'oo fuula galteertu fakkaata.
SOL 7:5 Mataan keeti gaara Qarmelosii fakkaata; rifeensi mataa keetiille maraa haarrii dhiille'ee fakkaata; mootichille shurrubbaa kanaan booji'ameera.
SOL 7:6 Ee, jaalallee tiyya! Ati attam attam miidhadda! Ati attam attam tolta! Attam attam nama gammachiitta!
SOL 7:7 Hojjaan teeti muka meexxi'ii, harmi keeti unkuruura isi'ii fakkaata.
SOL 7:8 Ani, «Muka meexxi'ii san hin yaaba; damee isaa hin qabadha» jedhe. Harmi keeti akka unkuruura woyni'ii, fooleen hafuura keetii akka foolee muka appili'ii teetuu ti.
SOL 7:9 Fooleen afaan keetiille akka foolee daadhii woyni'ii dansa'aa teetuu ti. Waajibittii Daadhiin woyni'ii sun hidhi'ii fi ilkaan jaalallee kiyyaa keessa dabartee, laana gad buutuu ti.
SOL 7:10 Ani ta jaalallee kiyyaa ti; inni na halcha.
SOL 7:11 Jaalallee kiyya, koy! Baadiyyaa dhandhee, ollaa keessa bullaa ti.
SOL 7:12 Barii ganamaan kaanee, gara addee muka woyni'ii dhandhee, muki woyni'ii guntutee akka baqe, muki rumaaniille akka daraare ilaalla! Ani achitti jaalala kiyya si'iif hin kenna.
SOL 7:13 Midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu hin uddowa; ee, jaalallee kiyya, midhaan dadansaan marti, ka amma guuramee fi ka bilchaate, ka ani si'iif lafa keyeeru balbala teenna dura jiran.
SOL 8:1 Ati adoo obboleessa kiyya ka harma haadha tiyyaa hodhe, naaf teetee, ani karaa irratti si dhaggee, adoo si sunqadhee jiraadhe, silaa eennulle na hin tuffatuuyyu.
SOL 8:2 Ani silaa gara mana haadha tiyyaa, ta na barsiittee si geessee, daadhii woyni'ii dansaa sii kennee, cunfaa midhaan muka rumaaniille si obaasaayyu.
SOL 8:3 Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa; harki isaa middichi adoo na hanqafata.
SOL 8:4 Ee, dubartoota Yerusaalemii, jaalalleen kiyya haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti, akka isa hin dammassine, ani isin kadhadha.
SOL 8:5 Ta jaalallee ifii qabattee, goomolee keessaa ol bayiisatti jirtu tun eennu? Waajibittii Ani muka appili'ii jalaa si kaase; haati teeti achitti ulfoottee, isiin achitti ciniinsifattee si deette.
SOL 8:6 Akka chaappa'aatitti gadhaa keeti keessatti, irree teeti irralle'etti na mallatteeffadhu. Jaalalli akka du'aa jabaata; hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti. Bobeenni isi'ii akka bobe'a ibiddaa, ka tallisuu ti.
SOL 8:7 Bisaan guddaan ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande'u; lolaan haree hin dande'u. Nami tokko qabeenna mana ifii mara jaalalaaf yoo kenne, ijjumaa hin tuffatama.
SOL 8:8 Nuuti obboleettii diqqittii, guntuta hin baasin takka qanna. Guyyaa isii kadhatane, nuuti maan goona laati?
SOL 8:9 Adoo isiin dalleyaa dhaka'aa teetee, xelleephoo meeti'ii isii irratti hin ijaarra; adoo isiin balbala teetee, saanqaa hindheensaatiin hin cunna.
SOL 8:10 Ani dalleya dhaka'aa ti; harmi kiyya xelleephoo fakkaata; ani ila isaa duratti nama nageya isaaf fidu te'e.
SOL 8:11 Solomoon Ba'aal-Hamoon keessaa oorruu muka woyni'ii qabaayyu. Oorruu muka woyni'ii san worra eegutti kireesse; tokko tokkoon isaanii gatii midhaan woyni'iitiif, meetii kuma tokko tokko fidaniiyyu.
SOL 8:12 Oorruun muka woyni'ii tiyya, tiyyuma; ee Solomoon, ati kuma fudhadhu; worri oorruu muka woyni'ii eegulle dhibba lama fudhatuu ti.
SOL 8:13 Ee, ati ta oorruu keessa leetu, jaaloti tiyya qoonqoo teeti caqasiisatti jiran; anille qoonqoo teeti dhage'uu ti.
SOL 8:14 Jaalallee kiyya, dafii koy! Akka jiliba'aa yookiin akka ilmoolee gadansaa gaara uddowaan itti latu irraa utaalii koy!
ISA 1:1 Mudhiin ilmi Amosii Isaayaas bara Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuda'aa te'anetti marroo Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dhagge, ta asii gadi jirtu.
ISA 1:2 Mootiin Waan Maraa, «Ee ol-gubba'a dhage'i! Ee lafa caqasi! Ani ijoollee uumadhee guddifadhe; isaan ammoo hammeennaan na irratti ka'ane.
ISA 1:3 Qotiyyoon goottaa ifii, harreelle goongaa abbaa isii horatee hin beetti; Israa'el ammoo hin beettu; kolbaan tiyya hin hubattu» jedhe.
ISA 1:4 Kolbaa cubbaalettii, kolbaa yakkaamettii, sanyii worra hantuu hujuu, worra amala hama'aatiif aanne'e! Isaan Mootii Waan Maraa lakkisaneeran; Waaqa woyyicha Israa'elii tuffatanee dudda itti galaneeran.
ISA 1:5 Isin maaf ammalle adabamiisa barbaaddan? Isin maaf finqila lakkisuu dhaddan? Mataan keessan addee mara madayeera; gadhaan keessanille raafameera.
ISA 1:6 Faana miila keessaniitii haga gubbaa mataa keessaniititti fayyaa hin qaddanu; nafi madaa, iitaa fi malaalle'een guutameera; madaan teessan sun wolitti hin deebine, hin hidhanne; zayitiille'een hin laanne.
ISA 1:7 Biyyi teessan ona hin teeti; qachooti keessan ibiddaan hin gubata. Adoo isin ilaaltanuu ormi fichaa keessan fudhatee, akka lafa diinni qabatee hin barbadootti.
ISA 1:8 Intalti Xiyoonii akka gosee fichaa woynii keessaa, akka mana fichaa baaqulaa keessaatii fi akka qachaa diinni marsee hin teeti.
ISA 1:9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade adoo sanyii nuuf hamburiisa dhabee jiraate, silaa akka Sodoomii teenee, Gomoraalle hin fakkanaayyu.
ISA 1:10 Isin bulchoota Sodoomii jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Isin kolbaa Gomora'aa seera Waaqa keennaa caqasa'a.
ISA 1:11 Mootiin Waan Maraa, «Bacatiis ciincaa keessanii maan naa godha? Ani ciincaa korbeessa hoole'eetii fi cooma horii gagabbo'oo quufeera; ani dhiiga korommi'iititti, dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi re'ootaatitti hin gammadu.
ISA 1:12 Isin na duratti yennaa dhikaattanu, kana mara akka fiddanuu fi Galma kiyya dura akka dhaabbattanu eennuttuu isin gaafate?
ISA 1:13 Woreega bu'aa hin qanne hin fidina'a; ani hixaana keessan diqadheera; jila baatii ji'aa, Sanbata, yaa'ii fi wolde'a keessan ka hammeennaan guutamelle ossuu dadhabeera.
ISA 1:14 Ani jila baatii ji'aa teessanii fi jila teessan ta beekkante jibbeera; isaan ba'aa natti te'anee, ossuu dadhabeera.
ISA 1:15 «Yennaa isin harka keessan gara kiyya badhifattanee daadimattanu ani gara keessan hin ilaalu; harki keessan dhiigaan waan guutameef, yoo guddoo daadimattanelle ani isiniif hin dhage'u.
ISA 1:16 Dhiqadha'aatii ifi qulqulleessa'a; hujii teessan hantuu, ila tiyya duraa kaasa'a; hantuu hujiisa lakkisa'a.
ISA 1:17 Dansaa godhiisa baradha'a; haqa barbaada'a; worra cunqurfame qarqaara'a; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qarqaara'a; haadha hiyyeessaatiif falma'a.
ISA 1:18 « ‹Kowa'a, wol komanna; cubbuun teessan akka dhiigaa diimatulle, akka dhakaa bokkeyaa hin addaatti; akka dhiigaa diimattulle akka fuutta'aa hin addaatti.
ISA 1:19 Tole jettanee yoo naaf ajajantane, waan dansaa latti baattu hin nyaattan.
ISA 1:20 Diddanee yoo na finqiltane, shallaagaan isin hin nyaata› jedhee ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera» jedhe.
ISA 1:21 Qachaan addatamaan attam sagaagalaa te'e? Dur haqi isa keessa guuteeraayyu; balchummaalle isa keessa jirtiiyyu; amma ammoo worri nama ijjeesu keessa guuteera.
ISA 1:22 Yerusaalem! Meetiin teeti ciillotteerti; daadhiin woyni'ii teeti bisaaniin makanteerti.
ISA 1:23 Bulchitooti teeti finqiltoota; jaalota hattu'uu ti; isaan marti safuu jaalatan; kennansa gula deeman; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef hin falmanu; iyyata haadha hiyyeessaalle hin dhage'anu.
ISA 1:24 Tanaaf Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dade, hunnaamessi Israa'elii, «Ani nyaaphota kiyya irratti aarii tiyya hin dhangalaasa; diinota tiyyalle haluu hin baya.
ISA 1:25 Ani aarii tiyya hantu'uun si hin adaba; ciilloyiisa keeti irraa si hin qulleessa; xurii teeti mara si irraa hin kaasa.
ISA 1:26 Ani abbootii mura'aa teeti akka duriititti, gorsitoota teetille akka jalqabaatitti hin deebisa; achiin duuba ati, ‹Qachaa balchumma'aa, qachaa addatamaa› hin jedhanta» jedhe.
ISA 1:27 Xiyoon haqaan, worri isii keessaa ka cubbuu irraa deebi'u balchumma'aan hin wodaman.
ISA 1:28 Finqiltootaa fi cubbaaleyyiin ammoo wolumatti hin caccaban; worri Mootii Waan Maraa lakkisulle hin bada.
ISA 1:29 Isin sababa qilxaa waaqonfattanuutiif hin qaanottan; oorruu filattaneefille hin salphattan.
ISA 1:30 Isin akka qilxaa baalli isaa qooree, akka oorruu bisaan hin qannee hin teetan.
ISA 1:31 Nami jabaan akka haasumee ibiddaa, hujiin isaalle akka qaanqee ibiddaa hin teeti; isaan lamaanuu hin gubatan; nami isaan irraa dhaanfulle hin jiru.
ISA 2:1 Ilmi Amosii Isaayaas marroo Yihuda'aatii fi Yerusaalemii waan asii gad jiru dhagge.
ISA 2:2 Bara muumme'eetitti gaarri Galmi Waaqaa irra jiru, gaarota mara hin caalaa; koobota mara caalaa ol hin ka'a. Gosi biyya adda addaa marti gara isaa hin yaati;
ISA 2:3 kolbaan hedduun dhuttee, «Xiyoon keessaa seerri, Yerusaalem keessaalle'ee jechi Mootii Waan Maraa waan bayuuf, karaa ifii akka inni nu barsiisuuf, nuutille daandii isaa irra akka ideennuuf, kowa'a gara gaara Mootii Waan Maraa, gara Galma Waaqa Yaaqoobii ol baanaa!» hin jetti.
ISA 2:4 Inni gosa biyya adda addaa oddu'utti muraa kennee, wolii gala dhaba kolbaa heddu'uulle hin balleessa. Isaan shallaagaa ifii tumanee qottoo, eboo ifiille haantuu hin godhatan; gosi biyya adda addaa shallaaga'aan wolitti hin kaatu; isaan deebi'anee lola hin baratanu.
ISA 2:5 Ee, sanyii Yaaqoobii kowa'a, ifa Mootii Waan Maraa keessa deddeebina!
ISA 2:6 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobii lakkitteerta; isaan moruu worra gara aduun baatuutiin guutamanee, akka worra Filisxeemotaa moran; orma woliin harka dhowan.
ISA 2:7 Latti isaanii meeti'ii fi worqi'iin guutanteerti; karri isaanii haga hin qaddu; lafa isaanii keessa fardoon guutteerti; garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu haga hin qabu.
ISA 2:8 Latti isaanii waaqota dharaatiin guutanteerti; isaan waanuma harka ifiitiin hujanetti sagadan.
ISA 2:9 Maarre, sanyiin namaa gad jetteerti; nami marti qaanoweera; Waaqa, isaaniif hin araaramin!
ISA 2:10 Aarii Mootii Waan Maraatii fi hunnaa isaa guddoo duraa gara rassa'aa dhaqa'aatii, lafa keessatti dhokadha'a.
ISA 2:11 Ilti nama kooruu lafa hin ilaalti; worri ifi saadu hin salphata; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha.
ISA 2:12 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, worra kooruu fi ifi saadu irratti,
ISA 2:13 hindheensa dhedheeraa Libaanoniitii fi qilxaa Baashaanii mara irratti,
ISA 2:14 gaarota dhedheera'aa fi koobota ol kaate mara irratti,
ISA 2:15 xelleephoo dhedheertu'uu fi dalleya dhaka'aa mara irratti,
ISA 2:16 hoboloota gugurdoo Tarshiishiitii fi hoboloota mimmidhaaddu mara irratti guyyaa dhufu qaba.
ISA 2:17 Ifi saaduun namaa hin baddi; koorri namaalle hin hafa; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha.
ISA 2:18 Waaqoti dharaa ijjumaa hin badan.
ISA 2:19 Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa gara goda rassa'aatii fi boolla lafaa hin baqatan.
ISA 2:20 Guyyaa san namooti waaqota dharaa waaqonfatiisaaf, meeti'ii fi worqii irraa ka hujatane tuqa'aa fi cirrichoo duratti hin gatan.
ISA 2:21 Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa goda rassa'aatii fi dho'a rassa'aa keessa hin seenan.
ISA 2:22 Nama du'u ka hafuurri isaa funnaanirra jirutti hin addatina'a; inni bu'aa hin qabu.
ISA 3:1 Kunoo, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, waan isaaniif barbaachisu mara, sagale'ee fi bisaanille, Yerusaalemii fi Yihudaa duraa hin balleessa;
ISA 3:2 jannootaa fi loltoota isaanii, abbootii isaanii ta mura'aatii fi raagota isaanii, worra isaaniif moruu fi jaarsolee isaanii,
ISA 3:3 ajajaa shantamaatii fi worra ulfinna qabu ka isaanii, gorsitootaa fi beekkicha hujii harkaa ka isaanii, morticha qaricha isaan duraa hin balleessa.
ISA 3:4 Dargaggooti akka isaan sooressanu, ijoolleen akka isaan bulchanu hin godha.
ISA 3:5 Kolbaan wol hin cunqursiti; nami nama irratti, ollaan ollaa irratti, dargaggooti jaarsolee irratti, nami tuffatamaan nama ulfinna qabu irratti hin ka'a.
ISA 3:6 Yennaa san nami tokko obboleessa ifii, ka mana abbaa ifii keessa jiru tokko qabee, «Ati woyaa waan qadduuf, sooressa nuuf te'i; itti gaafatamummaa tuulaa diigante tanaalle fudhadhu» hin jedha.
ISA 3:7 Guyyaa san ammoo inni qoonqoo ol qabatee, «Ani sagalee yookiin woyaa mana kiyya keessaa waan hin qanneef, isin qarqaaruu hin dande'u; sooressa na hin godhina'a» hin jedha.
ISA 3:8 Yerusaalemii fi Yihudaan dubbii ifiitii fi hujii ifiitiin Mootii Waan Maraa mormanee, ulfinna isaa waan batteessaneef, Yerusaalem jigiisaaf hin tintinti; Yihudaalle hin jiga.
ISA 3:9 Akka isaan yakkaameyyii te'ane, fuulli isaaniituu dhugaa isaan irratti hin baya; isaan akka worra Sodoomii cubbuu ifii lallaban; hin dhoffatanulle'e; isaan badii waan ifitti fidaneef, isaaniif aanne'e.
ISA 3:10 Balchooti gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf, wonni dansaan akka isaaniif te'u'uuf jirtu, itti hima'a.
ISA 3:11 Yakkaameyyiin gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf isaaniif aanne'e! Badiin isaan irratti hin dhutti.
ISA 3:12 Dargaggooti kolbaa tiyya cunqursiti; dubartooti isaan bulchiti. Kolbaa tiyya! Sooressitooti teessan isin dokonkorsiti; daandii irralle'ee isin gorsiti.
ISA 3:13 Mootiin Waan Maraa barcumaa ifii ka mura'aa irra te'eera; kolbaa ifiititti muriisaaf ka'eera.
ISA 3:14 Inni jaarsolee kolbaa ifiitii fi sooreyyii kolbaa ifii mura'atti dhikeessee, «Isin oorruu woyni'ii tiyya saantaneertan; wonni isin hiyyeeyyii irraa saantane mana keessan jira.
ISA 3:15 Kolbaa tiyya butuchiis keessan, fuula worra hiyyeeyyi'ii shankalleessiis keessan kun maaniif?» jedha.
ISA 3:16 Mootiin Waan Maraa, «Ijoolleen durraa ta Xiyoonii kooraneeran; morma toganee, ilaan qiphifataa, ideensaan sassaqaa gumee miilaa qilillisiisaa deeman.
ISA 3:17 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, mataa ijoollee durraa Xiyooniititti sanqee hin buusa; mataa isaanii irraa sossa» jedha.
ISA 3:18 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa gumee isaan miila ifiititti keyatanu, faaya mataa isaaniitii fi faaya morma isaanii,
ISA 3:19 qubee gurra isaanii, irmuura isaanii, woyaa fuulatti hagooggatanu,
ISA 3:20 marata mata'aa, irmuura isaanii, hanfalaa isaanii, bilqaadii fiqire'ee, qudhaama isaanii,
ISA 3:21 qubee quba isaaniitii fi qubee funnaan isaanii,
ISA 3:22 woyaa jilaa, woyaa isaan keessaan uffatanu, geellaa isaanii, subba harkatti qabatanu,
ISA 3:23 daaw'itii isaanii, woyaa isaanii ta quncee talba'aa irraa hujante, seesa mata'aatii fi fooxaa isaanii isaan irraa hin fuudha.
ISA 3:24 Addee foolee fiqire'ee, fooleen ajoottu, addee hanfala'aa wodaroon, addee rifeensa mata'aa, sanqeen, addee woyaa dansa'aa, woyaan gaddaa, addee dansumma'aa, gadaannis isaanitti hin te'a!
ISA 3:25 Namooti keeti shallaaga'aan, loltooti teetille lola keessatti hin dhumatan.
ISA 3:26 Bowaa fi gaddi Karra Xiyoonii biratti hin te'a; Xiyoon akka dubartii waan mara dhaddee gadditee lafa irra teettuu hin teeti.
ISA 4:1 Yennaa san dubartooti torba dhiira tokko qabattee, «Nuuti sagaluma teenna hin nyaanna; woyaalle teennuma uffanna; salphinni keenna akka hafu, maquma keetiin waamannuu ti» hin jetti.
ISA 4:2 Yennaa san wonni Mootiin Waan Maraa lafa irratti lachisiisu ka miidhaguu fi ka ulfinna qabu hin te'a; midhaan muka lafa irratti latulle kolbaa Israa'elii worra baraaree hafeef, kooraa fi ulfinna hin te'a.
ISA 4:3 Worri Xiyoon keessatti hafee Yerusaalem keessa haga ammaa le'iisatti jiru, Yerusaalem keessatti worra baraaree hafee galmowe mara woliin woyyoota jedhamanee hin waamaman.
ISA 4:4 Mootiin Waan Maraa dubartoota Xiyoonii irraa xurii hin dhiqa; ayyaana mura'aatii fi ayyaana ibiddaatiin Yerusaalem irraa dhiiga dhiqee hin qulleessa.
ISA 4:5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa gaara Xiyooniitii fi worra achi irratti wolitti qabamane mara irratti guyyaa duumensaa fi aara, halkan ibidda bobe'u hin dada; ulfinni isaalle qachaa san guutumatti itti hin gonbooba.
ISA 4:6 Gonboobi sun yennaa o'a adu'uu, gaaddisaa fi waan jalatti qophatanu, yennaa bubbe'eetii fi bokkeyaa addee itti baqatanuu fi addee itti dhokatanu hin te'a.
ISA 5:1 Ani amma jaalallee kiyyaaf marroo oorruu isaa ta muka woyni'ii faaruu hin faarsa. Jaalalleen kiyya kooba lafa laattuu irratti muka woyni'ii tokko qabaayyu.
ISA 5:2 Inni lafa qotee dhakaa keessaa guuree, sanyii woynii dansa'aa achitti dhaabe; xelleephoolle wodhakka'atti ijaaree, addee midhaan woyni'ii itti cunfanu miidhasseef. Achiin duuba inni midhaan dansaa buutti jedhee eeggate; woyniin ammoo midhaan dhangaggowu buutte.
ISA 5:3 Maarre jaalalleen kiyya, «Isin worri Yerusaalemii fi Yihudaa keessa leetanu, waan anaa fi oorruu muka woyni'ii tiyyaa wodhakkaa jiru irratti muraa kenna'a.
ISA 5:4 Tana caalaa muka woynii tiyyaatiif, maan godhuu qaba ree? Midhaan dansaa buutti jedhee adoo eegadhuu, midhaan hadhowaa maaf buutte ree?
ISA 5:5 «Yoona oorruu muka woyni'ii tiyya maan akka godhu isinitti hima; dalleya irraa buqqisee, bineensoti akka dheedanu hin godha; bineensoti akka irra sirbanu, dalleya dhaka'aalle irraa hin diiga.
ISA 5:6 Ani addee muka woyni'ii san lafa duwwaa hin godha; muki woyni'ii sun hin quxamu yookiin jalli isi'ii hin qotamu; qore'ee fi qumi'uuduun achi keessatti hin latti; bokkeenni akka itti hin roonneefille duumensa hin ajaja» jedha.
ISA 5:7 Muki woyni'ii ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade sun, gosa Israa'elii ti; kolbaan Yihuda'aa oorruu inni itti gammadu. Inni haqa barbaade, ammoo, dhiiga dhangalaasiisa dhagge; balchummaa barbaade, ammoo, iyya rakkinnaa dhage'e.
ISA 5:8 Isin worra addeen tokkolle hin hafin, mana qaddanu irratti mana, fichaa qaddanu irralle'etti fichaa ede'attanee, lafa fudhattanee qofii qofii teessan leetanuuf aanne'e!
ISA 5:9 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, adoo ani dhage'uu, «Dhugumaan manni hedduun hin ona; manni gugurda'aa fi dadansaan nama malee hin hafan.
ISA 5:10 «Midhaan woyni'ii ka lafa hekitaara kudhanii, cunfaa woyni'ii litirii saddeeti qofa hin te'a. Sanyiin kiiloo dhibba tokkoo fi saddeettamaa facaafantee, midhaan kiiloo kudhanii saddeeti qofa hin kenniti» jedhe.
ISA 5:11 Worra untoo macheessitu barbaadatiisaaf ganamaan ka'uuf, worra haga untoon jadduun isaan guddutti, haga halkanii turanuuf aanne'e!
ISA 5:12 Isaan jila ifii irratti kiraara guddichaa fi Maseenqoo, dibbee, suusulle'ee fi daadhii woyni'ii qaban; ammoo hujii Mootii Waan Maraa itti hin xiyyeeffanne; hujii harka isaatiifille ulfinna hin kennine.
ISA 5:13 Tanaaf kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan hin booji'anti. Sooreyyiin isaaniille beelaan hin dhumatti; kolbaan bindillaalle dheebu'uun hin gubatti.
ISA 5:14 Tanaaf Boolli awwaalaa gadhaa badhifattee, afaan ifiille akka malee banatteerti; isiin qondaaltota Yerusaalemiitii fi kolbaa wolitti qabantee gammadaan hogittu hin liqinsiti.
ISA 5:15 Maarre nami hin salphata; worri kooru duudiin gad hin qabama. Ilti worra kooruulle lafa hin ilaalti.
ISA 5:16 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade ammoo, haqa ifiitiin ol ol hin jedha; Waaqi woyyichille woyyummaa ifii balchummaa ifiitiin hin mudhisa.
ISA 5:17 Achiin duuba hooleen akkuma kaloo ifii achi keessa hin dheeddi; korbeeyyiin hoole'ee gagabboon lafa onte ta worra dureeyyi'ii keessa hin dheeddi.
ISA 5:18 Worra wodaroo sobaatiin yakkaa harkisuuf, worra wodaroo garreetta'aatiin cubbuu harkisuuf aanne'e!
ISA 5:19 Worra, «Nuuti akka dhagginuuf, Waaqi ariifatuu ti; hujii ifiille ariifachiisuu ti. Nuuti akka beennuuf, karoorri woyyicha Israa'elii ariiti'iin muummowuu ti; dafeelle dhufuu ti!» jedhuuf aanne'e.
ISA 5:20 Worra «Hantu'uun dansaa, dansa'aan hantuu, dukkanaan ifa, ifaan dukkana, waan hadhowuun mi'owaa, waan mi'owuun hadhowaa» jedhuuf aanne'e!
ISA 5:21 Worra qaro'oo fi qaruuxee ifi seyuuf aanne'e!
ISA 5:22 Worra daadhii woyni'ii uniisatti jannoota te'aneef, worra untoo macheessitu wolitti makiisaan beekkameef aanne'e!
ISA 5:23 Worra safuu fudhatee yakkaamessa bilisa baasu, worra yakkaa hin qanne haqa dhooggatuuf aanne'e!
ISA 5:24 Isaan seera Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade didanee, jecha Waaqa woyyicha Israa'elii waan tuffataneef, akkuma bobeenni ibiddaa hicaace'ee fi marra gogaa gubee balleessu, akkasuma hiddi isaanii hin shama; daraaraan isaaniille akka buku'uu afuufamee hin bada.
ISA 5:25 Tanaaf, aariin Mootii Waan Maraa kolbaa isaa irratti bobeetteerti; inni harka ifii ol fudhatee isaan dhoweera; gaaroti raafamaneeran; reeffi akka kosi'ii karaa keessatti tuulame; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
ISA 5:26 Inni gosa biyya adda addaa, ta fagoo jirtuuf beessisa dhaaba; kolbaa qaccee biyya lafaa jirtu waamiisaaf siissa. Isaanille dafanee ariiti'iin dhufan.
ISA 5:27 Isaan keessaa ka dadhabuu fi gufatu, ka muguu fi ka rafu hin jiru; hiituun hidha isaanii hin luttu; hidhaan kophee isaaniille hin citu.
ISA 5:28 Daayi isaanii qara qaba; guubeen isaanii marti gad lakkifamiisaaf qophootteerti; kotteen fardoo isaanii akka dhakaa qara qabuu ti; korboon garreettaa isaanii ka fardaan harkifamuu akka hobonbolatti'ii fiiddi.
ISA 5:29 Isaan akka neenqaatii fi akka dardaroota neenqaa dhangaa dhowan; waan adansanee qabatane itti gurura'anee, fudhatanee deeman; nami isaan irraa buusu tokkolle hin jiru.
ISA 5:30 Guyyaa san isaan akka danbalii abbaaya'aa hin bulphisan; kolbaan yennaa lafa ilaaltu, dukkanaa fi rakkinna hin dhaggiti; ifinuu duumensaan hin gollama.
ISA 6:1 Woggaa mootichi Uziyaan du'e, Goottaan barcumaa mootumma'aa dheeraa, ulfinna qabu irra tee'ee, handaarri woyaa isaalle Galma Woyyicha isaa guuteeruun dhagge.
ISA 6:2 Dadi ol-gubba'aa ka «Suraafel» jedhamanu isaan gubbaa dhaabbataneeran; tokkoon tokkoon isaanii koola jaa qaban; koola ifii lamaan fuula ifii, koola ifii lamaan miila ifii gollatan; koola ifii lamaan ka'anee deeman.
ISA 6:3 Isaan wol wol irraa fuudhaa, «Woyyu'u! Woyyu'u! Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade woyyu'u. Latti duudiin ulfinna isaatiin guutanteerti» jedhane.
ISA 6:4 Iyya qoonqoo isaaniitiin, hundeen Galma Waaqaa tachoote; Galmille aaraan guute.
ISA 6:5 Anille, «Ani nama hidhiin battootte; kolbaa hidhiin battootte odduu waan le'uuf, ilti tiyyalle Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waan dhaggiteef, ani badeeraa, naaf, aanne'e!» jedhee iyye.
ISA 6:6 Achiin duuba Suraafeloota san keessaa tokkochi, addee ciinca'aa irra kashila ibiddaa qarapha'aan fuudhee harkatti qabatee, gara kiyya koolaan ka'ee dhufe.
ISA 6:7 Inni kashila ibiddaa saniin afaan kiyya tuqee, «Kunoo, kashilli kun hidhii teeti waan tuqeef, yakkaan teeti si irraa kaateerti; cubbuu teetiifille araarri kennameera» naan jedhe.
ISA 6:8 Achiin duuba qoonqoon Gootta'aa anaan, «Ani eennu erga? Eentu ergaa nuuf dhaqa?» jettuun dhage'e; anille, «Ani kunoo ti. Na ergi!» jedheen.
ISA 6:9 Maarre inni anaan, «Gara kolbaa tanaa dhaqiitii, ‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu, ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu› jedhiin» jedhe.
ISA 6:10 Achiin duuba inni anaan, «Qalbii kolbaa tanaa cufi; gurra isaanii duuchi; ila isaaniille cufi; yoo akkas hin te'in, ila ifiitiin ilaalanee, gurra ifiitiin dhage'anee, qalbii ifiitiin hubatanee, deebi'iisaan hin fayyan» jedhe.
ISA 6:11 Achiin duuba ani, «Ee, Gootta'a, tun haga yoomii teeti?» jedhee gaafadhe. Goottaan deebisee, «Haga qachooti diigamee, namooti keessa le'anu dhabamanutti, haga manooti onee, latti ijjumaa duwwaa teetutti,
ISA 6:12 haga ani Mootiin Waan Maraa namoota fagoo ergee, latti ijjumaa ontutti teeti;
ISA 6:13 namoota kudhan keessaa tokko lafa san keessatti yoo hafelle, inni hin bada; ammoo akkuma qilxaan yennaa murame jirmi isaa lafa keessatti hafu, akkasuma sanyiin woyyootaalle lafa keessatti akka jirmaa te'anee hin hafan» jedhe.
ISA 7:1 Bara akaakoon Uziya'aa ilmi Yotaamii Ahaaz, Yihudaa irratti mootii te'e, mootiin Sooriya'aa Resiinii fi mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan, Yerusaalem loliisaaf itti duulane; ammoo isii injifatiisa hin dandeenne.
ISA 7:2 Worri Sooriya'aatii fi worri Efreemii akka wolii galane, mootiin Yihuda'aa Ahaaz yennaa dhage'e, akkuma muki badda'aa qilleensaan raafamu, gadhaan isaatii fi gadhaan kolbaa isaa raafame.
ISA 7:3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Isaayaasiin, «Atii fi ilmi keeti She'aariyaashub, Ahaaziin wol dhaggiisaaf, gara dhuma anguree gatiitti'ii ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu dhaqiitii,
ISA 7:4 isaan, ‹Ifi eeggadhu; cadhisi; hin sodaatin. Aarii Resiiniitiin, aarii Sooriya'aatii fi aarii ilma Remaaliya'aa ta akka jirma lamaan ibidda irraa hafanee aaranuutiin, gadhaan keeti hin sheephisin› jedhiin.
ISA 7:5 Worri Sooriya'aa, worri Efreemiitii fi ilmi Remaaliya'aa si balleessiisaaf mala dhowanee,
ISA 7:6 ‹Kowa'a, biyya Yihuda'aa qabannee bittinneessinee qoodanna. Ilma Xaabe'eliille irratti mootii goona› jedhan.
ISA 7:7 «Ani Goottaan, Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Malli isaanii kun hin te'u; hin muummowulle'e.
ISA 7:8 Mataan Sooriya'aa Damaasqoo, mataan Damaasqo'oo Resiin waan te'eef, woggoota jaatamii shan keessatti Israa'el bittinnoottee, kolbaa biyya tokkoo te'iis isi'ii hin hafa.
ISA 7:9 Mataan Israa'elii Samaariya'a; mataan Samaariya'aalle ilma Remaaliya'aa ti. «‹Addi'iin yoo hin jabaatin, ijjumaa dhaabbatiisa hin dandeettanu› jedha» jedhe.
ISA 7:10 Ammalle Mootiin Waan Maraa Ahaaziin,
ISA 7:11 «Qilee qile'een jalaatii yookiin gubbaa ol-gubba'aatii beessisa akka si'iif kennu ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti gaafadhu» jedhe.
ISA 7:12 Ahaaz ammoo deebisee, «Ani hin gaafadhu; Mootii Waan Maraa haga hin ilaalu» jedhe.
ISA 7:13 Achiin duuba Isaayaas, «Ee sanyii Daawitii, dhage'a'a! Ossa namaa haga ilaaliis isin hanqatee, Mootii Waan Maraa kiyyalle haga ilaaltanii?
ISA 7:14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa ifiifuu beessisa isiniif hin kenna; kunoo, durri duudduun ulfoottee, ilma hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el› jettee hin waanti.
ISA 7:15 Inni waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa yennaa beeketti, dhadha'aa fi damma hin nyaata.
ISA 7:16 Mucaan kun waan hantuu jibbiisa, waan dansaa filatiisa adoo hin beekiniin dura, latti mootota lamaan ati sodaattuu hin onti.
ISA 7:17 «Mootii Asoorii si irratti kakkaasiisaan, guyyaa Israa'el Yihudaa irraa gargar baateen jalqabee, bara rakkinnaa ka te'ee hin beenne, Mootiin Waan Maraa si irratti, kolbaa teetii fi sanyii abbootii teeti ta durii irratti hin fida.
ISA 7:18 «Guyyaa san Mootiin Waan Maraa laga Gibxi'ii ka fago'oo irraa tiiticha, lafa Asoorii irraa kinniisa siiqu'uun sitti hin waama.
ISA 7:19 Isaan marti dhufanee dhooqa lafaa keessa, baqaqa rassa'aa keessa, haxanxarii qore'ee mara irraa fi addee boolla bisaanii maratti hin qubatan.
ISA 7:20 «Guyyaa san Mootiin Waan Maraa, haaduu laga Efraaxiisiitiin gamaa kireeffate, mootii Asooriitiin, rifeensa keessan ka mata'aatii fi ka nafaa, areeda keessanille hin haada.
ISA 7:21 «Guyyaa san nami tokko goronsa tokkoo fi hoolee lama qofa hin qabaata;
ISA 7:22 isaan waan mirganuuf, inni dhadhaa hin nyaata. Worri lafa sanitti hafu marti dhadha'aa fi damma hin nyaatan.
ISA 7:23 «Guyyaa san addeen muki woyni'ii kum jiru, ta gatiin isi'iille meetii kuma geettu qumi'uudu'uu fi qore'een guutanti.
ISA 7:24 Latti sun qore'ee fi qumi'uudu'uun waan guutantuuf, namooti guube'ee fi daaya qabatanee achi hin dhaqanu.
ISA 7:25 Qumi'uudu'uu fi qoree sodaatiisaan gara Koobota dur qotto'oon qotantuu haganaa achi hin dhaqanu; kooboti sun addee loonii tikatanuu fi addee hooleen burraaxxu hin teeti» jedhe.
ISA 8:1 Mootiin Waan Maraa anaan, «Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti qubee mudhattuun, ‹Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!› jedhii barreessi» jedhe.
ISA 8:2 Anille dhugaa baatota addatamane lama, hayyicha Uriiya'aa fi ilma Yebarekiya'aa Zakaariyaas waammadhe.
ISA 8:3 Achiin duuba ani gara raagitti'ii dhaqe; isiille ulfoottee ilma deette; Mootiin Waan Maraa anaan, « ‹Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!› jedhii maqaa baasi.
ISA 8:4 Mucaan, ‹Abbayyoo› yookiin, ‹Aayyoo› jedhiisa adoo hin baratin, qabeenni Damaasqo'ootii fi boojuun Samaariya'aa mootii Asooriitiin hin fudhatanti» jedhe.
ISA 8:5 Mootiin Waan Maraa ammalle natti dubbatee,
ISA 8:6 «Kolbaan tun bisaan Silo'aamii ka suuta yaa'u tuffattee, Resiinii fi ilma Remaaliya'aatitti guddoo gammaddeerti;
ISA 8:7 tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, mooticha Asoorii ka akka lolaa bisaanii jaba'aa fi hunnaamessaa isaan irratti hin fida; inni akka bisaan laga guuttee danbala'ee lafa irra yaa'uu hin te'a.
ISA 8:8 Bisaan sun gara biyya Yihuda'aa yaa'ee, haga morma gewutti guutee, keessa hin dabara; Ee Amaanu'el, akkuma lukkuun cuucuu ifiititti kabbitu, koolli keeti lafa teeti duudii hin golla» jedhe.
ISA 8:9 Isin gosi biyya adda addaa iyya lolaa kaasa'a; ammoo bututa'a; isin worri fagoo jirtanu duudiin dhage'a'a; lolaaf qophowa'a; ammoo bututa'a; lolaaf qophowa'a; ammoo bututa'a.
ISA 8:10 Mari'adha'a; ammoo isiniif hin teetu; karooralle baafadha'a; te'uu malee Waaqi waan nu woliin jiruuf, isiniif hin muummottu.
ISA 8:11 Mootiin Waan Maraa harka ifii jaba'aan na qabee, natti dubbatee, karaa kolbaan tun ideentu akka ani hin deenne na ifi eeggachiisee,
ISA 8:12 «Waan kolbaan tun, ‹Mala hammeennaa ti› jettu, isinille, ‹Mala hammeennaa ti› hin jedhina'a; waan isaan sodaatanu, hin sodaatina'a; wonni isaan naasisulle isin hin naasisin.
ISA 8:13 Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade callaan, woyyicha akka te'e qaabadha'a; na callaa sodaadha'a; ana malee womaa isin hin naasisin.
ISA 8:14 Achiin ani galma woyyicha hin te'a; mootummaa Israa'eliitii fi mootummaa Yihuda'aatiif ammoo, dhakaa nama gufachiisuu fi rassaa nama jissu hin te'a; worra Yerusaalem keessa le'ulle'eef fonxoro'oo fi tiyyoo hin te'a.
ISA 8:15 Isaan keessaa worri hedduun gufatee, jigee hin bututa; isaan fonxoroo seenanee hin qabaman» jedhe.
ISA 8:16 Dhugaa baya tana eegi; gadhaa barattoota tiyyaa keessatti maxxansi.
ISA 8:17 Mootii Waan Maraa ka maatii Yaaqoobii duraa fuula ifii dhoffate, isa hin eegadha; addiille hin godhadha.
ISA 8:18 Kunoo, anii fi ijoolleen tiyya ta Mootiin Waan Maraa naaf kenne, kolbaa Israa'eliitiif, beessisaa fi baasa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee ka gaara Xiyoonii irra le'uu ti.
ISA 8:19 Yennaa isaan, «Worra ekeraa dubbisuu fi worra moru ka hasaasuu fi gungumu gaafadha'a» isiniin jedhane, ani ammoo isiniin, «Kolbaan sun Waaqa gaafatiisa lakkittee, marroo worra jiruu worra du'e maaf gaafatti?» jedha.
ISA 8:20 Worra akka seera kanaatii fi akka dhugaa baya kanaatitti hin dubbanneef latti hin bariitu.
ISA 8:21 Kolbaan rakkattee, beelottee lafa irra hin joonjiti; isaan yennaa beelaan gaggabane, aaranee, ol ilaalaa mootii ifiitii fi waaqota ifii hin abaaran.
ISA 8:22 Achiin duuba gara lafaa yennaa ilaalanu rakkoo, dukkanaa fi dimimmisa sodaachittu qofa dhaggan; isaan dukkana dimma san keessalle'etti hin gataman.
ISA 9:1 Worri guddoo rakkataa ture haganaa achi, dukkana dimimmisa keessa hin le'u. Bara durii inni lafa Zabilooniitii fi Niftaalemii salphise; bara hegerii ammoo inni lafa laga Yordaanosiin gamaa, ta karaa abbaaya'aa biraa, Galiilaa worra Yihudoota hin te'iniitiif ulfinna hin kenna.
ISA 9:2 Kolbaan dukkana keessa leete, ifa guddaa dhaggite; worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'eefille ifi baye.
ISA 9:3 Waaqa, ati gosa baceessiteerta; gammada isaaniille itti edeeteerta; namooti yennaa midhaan galfatanu, boojuulle yennaa qoodamanu akkuma gammadanu, isaan si duratti hin gammadan.
ISA 9:4 Akkuma bara worri Miidiyaanii injifatame goote, waanjoo isaanitti ulfaate, ciiraa gurmuu isaanii irraa, ulee worra isaan cunqursuulle caccassiteerta.
ISA 9:5 Kopheen loltooti yennaa lolaa keyatanu marti, woyaan dhiiga keessa gangalfante martinuu akka qoraanii ibiddaan hin gabbatti.
ISA 9:6 Annuun nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti; maqaan isaa, «Gorsaa maade'ee, Waaqa hunnaamessa, abbaa bara baraa, qondaala nageyaa» hin jedhama.
ISA 9:7 Baalliin isaatii fi nageenni isaa dhuma hin qabanu; inni barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'ee, mootummaa isaa hin bulcha; haqaa fi balchumma'aan dhaabee, ammaan jalqabee haga bara baraatitti isii hin jabeessa; hinaaffaan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, tana hin gooti.
ISA 9:8 Mootiin Waan Maraa jecha mura'aa Yaaqoobitti erge; kunille sanyii isaa kolbaa Israa'elii irratti muummowe.
ISA 9:9 Worri Efreemiitii fi worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u, kolbaan marti tana hin beekan; isaan kooriisaa fi bondhooriisaan,
ISA 9:10 «Dalleenni faara loobameen ijaarame jige; nuuti ammoo dhakaa bocameen deebinnee hin ijaarra. Muki harru'uu murameera; nuuti ammoo addee muka harru'uu muka hindheensaa hin buunna» jedhan.
ISA 9:11 Mootiin Waan Maraa ammoo nyaapha Resiinii isaan irratti kaase; diinota isaaniille isaan irratti kakkaase.
ISA 9:12 Worri Sooriya'aa karaa aduun baatuun, worri Filisxeemotaa karaa aduun seentuun dhufanee, afaan bananee Israa'el kukkutataneeran; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
ISA 9:13 Kolbaan ammoo gara Mootii Waan Maraa ka isaan adabee hin deebine; yookiin Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hin barbaadanne.
ISA 9:14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa worra akka mata'aatii fi eege'ee, worra akka damee muka meexxi'iitii fi allaadu'uu guyyaa tokkotti Israa'el keessaa hin balleessa;
ISA 9:15 mataan sun jaarsole'ee fi worra ulfinna qabu; eegeen raagota soba nama barsiisanu.
ISA 9:16 Worri kolbaa tana sooressu isaan dokonkorseera; worri isaaniin sooreffamulle karaa irraa joonjayeera.
ISA 9:17 Isaan marti worra Waaqa malee le'uu fi waan hantuu huju; marti isaaniituu waan hantuu dubbatan; tanaaf Mootiin Waan Maraa dargaggoota isaaniititti hin gammadu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef, haadhotii hiyyeessotaatiifille hin mararu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
ISA 9:18 Hammeenni kolba'aa akka ibidda qumi'uudu'uu fi qoree gubuu ti; gongomaa ciggaa qabatee, aarri isaa akka utuba'aa dhaabbata.
ISA 9:19 Aarii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin latti hin gubatti; kolbaalle akka qoraan ibiddaa hin teeti; obboleessa ifii ka baasuu dande'u tokkolle hin jiru.
ISA 9:20 Harka middichaan hin kukkutatan; ammoo beeluma qaban; harka bitaachaan hin nyaatan; ammoo hin quufanu; tokko tokkoon isaanii foon ijoollee ifii hin nyaatan.
ISA 9:21 Kolbaan Minaase'ee kolbaa Efreemii nyaatti; kolbaan Efreemiille kolbaa Minaase'ee nyaatti; isaan lamaanuu gosa Yihuda'aa irratti hin ka'an; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
ISA 10:1 Worra seera haqa hin te'in, sirna nama cunqursu baasuuf aanne'e!
ISA 10:2 Worra mirga hiyyeeyyi'ii dhiibuuf, kolbaa tiyya ta cunqurfante worra haqa dhoogguuf, karra haadha hiyyeessaa worra saamuuf, ijoollee abba'aa fi haadha hin qanne worra saamuuf aanne'e!
ISA 10:3 Guyyaa adabbi'ii, balaan fagoo irraa yennaa isinitti dhufu maan gootan? Qarqaarsa dhaggatiisaaf gara eennuu baqattan? Karra teessanille eessa dhoffatan?
ISA 10:4 Worra booji'ame odduu, yookiin ka ijjeefame jalatti gatamiisa malee, womaa isiniif hin hafu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin qabbaneeffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.
ISA 10:5 Waaqi, «Uleen aarii tiyyaatii fi ciiraan mufii tiyyaa, ka harka jiru, mootii Asooriitiif aanne'e!
ISA 10:6 Ani akka inni isaan saamu, akka isaan booji'u, akka dhoqqee karaa keessaa akka inni isaan dhidhiitu, biyya Waaqa malee leetu, ta aariin tiyya irra jirtutti isa hin erga.
ISA 10:7 «Mootiin Asoorii ammoo tana hin yaadanne; tun waan inni qalbii ifii keessaa qabuu moti; te'uu malee, inni balleessiisaaf, gosa biyya adda addaa hedduu fixiisaaf karoorfate.
ISA 10:8 Inni, ‹Ajajjooti loltoota tiyyaa marti moototaa motii ree?
ISA 10:9 Qachaan Kaalno'oo akkuma qachaa Karkemiishii, qachaan Haamaatii akkuma qachaa Arphaadii, qachaan Samaariya'aa akkuma qachaa Damaasqo'ootii motii ree?
ISA 10:10 Ani mootummoota waaqoti dharaa keessa guutane, mootummoota fakkii Yerusaalemiitii fi Samaariyaa caalanu akkuma qabadhe,
ISA 10:11 qachaa Samaariya'aatii fi waaqota dharaa isi'ii akkuma godhe, Yerusaalemii fi waaqota dharaa isi'iille akkasuma hin godhuu ree?› jedha» jedhe.
ISA 10:12 Mootiin Waan Maraa gaara Xiyooniitii fi Yerusaalem irratti, hujii ifii hujee yennaa fixe, «Mootichi Asoorii waan kooree ifi ol qabeef, ani isa hin adaba» hin jedha.
ISA 10:13 Mootiin Asoorii, «Ani nama hubataa waan te'eef, irree tiyya jaddu'uu fi qarummaa tiyyaan tana mara godhe; meessaa gosa biyya adda addaa diigee, qabeenna isaaniille saamee, mootota isaanii hunna tiyyaan gad buuse.
ISA 10:14 «Akka nama harka ifii mana simbirre'ee keessa keyee, quuphaa isi'ii wolitti qabuu, ani harka kiyya diriirsee, karra gosa biyya adda addaa wolitti qabe; isaan keessaa tokkolle haguma sinbirreen koola ifii tachoottuu ka tacho'e hin jiru; haguma afaan simbirre'eelle ka iyye hin jiru» hin jedha.
ISA 10:15 Agaraan nama isumaan muka muru irratti hin bondhooraa ree? Magaaziin nama isumaan muka baqassu irratti ifi hin jajjii ree? Tun adoo teetu teete, akka waan uleen abbicha isii qabatu san mirmirsituu ti; yookiin akka ciiraan abbicha isa qabatuun ani mukaa moti jedhuu ti.
ISA 10:16 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, Goottaan Waan Mara Dande'u, loltoota ifii worra Asoorii gagabboo irratti dhukkuba huqqisu hin erga; ulfinna isaa guddaa jalalle'ee, holotaan akka bobe'a ibidda bobe'uu hin gabbata.
ISA 10:17 Ifi Israa'elii Waaqi, akka ibiddaa, Waaqi woyyichi Israa'elii akka bobe'a ibiddaa hin te'a; inni guyyaa tokko keessatti qore'ee fi qumi'uuduu gubee hin fixa.
ISA 10:18 Akkuma nami dhibamaan huqqatee du'u, gongomaan isaatii fi fichaan laafaan isaa ijjumaa hin badan.
ISA 10:19 Muki gongomaa isaa keessatti hafu guddoo diqqaa hin te'a; mucaan diqqaanuu laakkowee fixuu hin dande'a.
ISA 10:20 Guyyaa san worri Israa'elii keessaa baraaree hafane, worri mana Yaaqoobii keessaa lubbu'uun hafanelle, dhugumaan Mootii Waan Maraa woyyicha Israa'eliititti irkatan malee, deebi'anee ka isaan injifatetti hin irkatanu.
ISA 10:21 Sanyii Yaaqoobii keessaa worri baraaree hafe, gara Waaqa hunnaamessaa hin deebi'an.
ISA 10:22 Ee Israa'el! Kolbaan teeti akka maansa abbaaya'aa yoo teetelle, isaan keessaa baraaree qofattuu deebi'a; badiin murteeffanteerti; muraan Waaqaa ta haqaa irraan hin dhangalaati.
ISA 10:23 Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, badii murteeffante san lafa duudii irratti hin fida.
ISA 10:24 Tanaaf Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dande'u, «Ee kolbaa tiyya, ta Xiyoon keessa leetanu, akkuma worri Gibxi'ii dur isin godhe, worra Asoorii ka ule'een isin tumuu fi ciiraa isinitti fudhatu hin sodaatina'a.
ISA 10:25 Aariin ani isinitti aare, yennaa diqqo'oon duuba hin dhaabbatti; aariin tiyya isaan balleessiisaaf, isaanitti garagalti.
ISA 10:26 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, rassaa Horeeb biratti worra Miidiyaanii akkuma dhaane, liche'een isaan hin dhaana; inni Gibxii keessatti akkuma godhe, ulee ifii bisaan irratti ol hin fudhata.
ISA 10:27 Guyyaa san ba'aan isaanii gurmuu teessan irraa hin kaati; waanjoon isaaniille morma keessan irraa hin ka'a; isin waan furdattaneef, waanjoon hin caba» jedha.
ISA 10:28 Loltooti Asoorii gara qachaa Aayii hin dhufan; Miigroon keessa dabaranee meya ifii Miikmaashi keessatti hin tuulatan.
ISA 10:29 Karaa irra dabaranelle Gebaa geyanee achi hin bulan; worri qachaa Raama'aa nayanee hin hollatan; worri qachaa Saa'olii ka Giibe'aa keessa le'u hin baqatan.
ISA 10:30 Ee kolbaa Galiim, iyya'a! Ee worra Laa'iishii, dhagge'a'a! Ee worra Anaatotii, jalaa qaba'a!
ISA 10:31 Worri Madmaanaatii baqatiisatti jira; worri Gebiimiille dhokatiisaaf hin baqatan.
ISA 10:32 Loltooti guyyaa adhaa qachaa Nobii hin geyan; isaan gaara kolbaa Xiyooniititti, kooba Yerusaalemiititti irree ifii hin raasan.
ISA 10:33 Kunoo, Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dande'u, hunna ifii guddo'oon, dameelee hin caccassa; muki dhedheeraan hin murama; ka caalaa dheeratulle gad hin qabama.
ISA 10:34 Inni gongomaa ciggaa agara'aan hin mura; muki Libaanonii gugurdaan hunnaamessa duratti hin jigan.
ISA 11:1 Akkuma jirmi quunxee damee baasu, sanyii Iseyii keessaa mootiin haarenni hin ka'a.
ISA 11:2 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Ayyaanni qarumma'aatii fi hubanti'ii Ayyaanni gorsaatii fi hunnaa Ayyaanni beekkumsaatii fi Mootii Waan Maraa sodaatiisaa isa irratti hin bu'a.
ISA 11:3 Inni Mootii Waan Maraa sodaatiisaan hin gammada. Akkuma ilaan dhagge hin muru; yookiin akkuma gurraan dhage'e hin murteessu;
ISA 11:4 worra hiyyeeyyi'iif ammoo balchumma'aan hin mura; worra deega'aaf haqaan hin mura; dubbii afaan isaa keessaa baatu ta akka ule'eetiin biyya lafaa hin dhowa; hafuura afaan isaa keessaa bayulle'een worra hamoolee hin ijjeesa.
ISA 11:5 Balchumma'aa fi addatamummaan akka hiituu hidha isaa ti.
ISA 11:6 Yayyiin ilmayyoo hoole'ee woliin hin leeti; qeeransi ilmayyoo re'e'ee woliin hin ciisa. Jabbiin, ilmoolee neenqaatii fi korommii dardarri woliin hin tikatan; mucaan diqqaalle isaan hin tissa.
ISA 11:7 Loonii fi doobbaan woliin hin tikatan; jabbi'ii fi ilmooleen doobba'aa woliin hin ciisan; neenqille akka qotiyyo'oo hicaacee hin nyaata.
ISA 11:8 Mucaan harma hodhu boolla dhudhuufa'aa bira hin taphata; mucaan harma irraa gu'elle boolla buuti'ii keessa harka hin keya.
ISA 11:9 Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu, latti beekkumsa Mootii Waan Maraatiin waan guutantuuf, waan gaara woyyicha kiyya irra le'u miidhaan yookiin badiin hin dhaqqaddu.
ISA 11:10 Guyyaa san sanyiin Iseyii akka beessisaa kolba'aaf hin dhaabbatti; gosi biyya adda addaa isa hin barbaaddi; addeen inni le'ulle ulfinna hin qabaatti.
ISA 11:11 Guyyaa san Goottaan yennaa lammeesso'oo harka ifii diriirsee, kolbaa ifii ta biyya Asooriititti, biyya Gibxi'iititti, biyya Faaxrosiititti, biyya Itoophiya'aatitti, biyya Elaamiititti, biyya Shiinaariititti, biyya Haamaatiititti, lafa abbaayaa qarqaraatitti baraaree hafane gara biyya isaanii hin deebisa.
ISA 11:12 Inni gosa biyya adda addaatiif beessisa hin dhaaba; worra Israa'el keessaa ari'amee baye, worra Yihudaa keessaa bittinnowelle maddii afuriinuu wolitti hin qaba.
ISA 11:13 Hinaaffaan Efreemii hin baddi; diinni Yihuda'aalle hin dhumata; Efreem Yihudaa hin hinaafu; Yihudaalle Efreem hin jibbu.
ISA 11:14 Isaan lamaanuu wolii galanee gara aduun seentuun Filisxeemota irratti hin ka'an; worra gara aduun baatu le'ulle hin saaman; kolbaa Edoomiitii fi Mo'aabii harkatti hin galfatan; worri Amooniille isaaniif hin ajajaman.
ISA 11:15 Mootiin Waan Maraa abbaayaa diintuu Gibxi'ii ijjumaa hin gossa; inni harka ifii laga Efraaxiisii irratti ol kaasee, qilleensa gubuun dhowee, laga didiqqaa torbatti gargar hin qooda; nami kophe'een keessa deemee, gamatti bu'uu hin dande'a.
ISA 11:16 Akkuma kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate karaan qopheeffameef, kolbaa isaa worra baraaree hafeefille, Asoorii keessaa bayiisaaf karaan guddaan hin qopheeffama.
ISA 12:1 Guyyaa san ati, «Ee, Mootii Waan Maraa, ati natti mufatteertaayyu; amma mufii teeti na irraa deebittee, waan na jajjabeessiteef si leellifadha!
ISA 12:2 Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya; ani isatti hin addadha; womaalle hin sodaadhu. Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya; inni fayyisaa kiyya naaf te'eera.
ISA 12:3 Isin gammadaan madda fayyinnaa keessaa bisaan hin woraabbattan» hin jetta.
ISA 12:4 Yennaa san isin, «Mootii Waan Maraa galateeffadha'a; maqaa isaalle waammadha'a! Gosa biyya adda addaa keessatti hujii isaa beessisa'a; guddinna maqaa isaalle lallaba'a.
ISA 12:5 Inni waan guddoo waan godheef faaru'uun isa leellisa'a; waan inni godhelle biyya lafaa mara irratti beessisa'a.
ISA 12:6 Ee kolbaa Xiyoonii, Waaqi guddaan woyyichi Israa'elii, odduu teessan waan jiruuf, ilillisaa gammadaan faarsa'a» hin jettan.
ISA 13:1 Ergaan ilmi Amosii Isaayaas marroo Baabiloniitiif dhagge asii gad jirti;
ISA 13:2 Kooba womaa irratti hin lanne irratti beessisa dhaaba'a! Loltoota iyya'aa waama'aatii, karra qondaaltotaatiin akka seenanu, harkaan itti akeeka'a.
ISA 13:3 Ani worra injifatiisa kiyyatti gammadu, woyyoota tiyya ajajeera; akka aarii tiyya muummessanu loltoota tiyya waameera.
ISA 13:4 Hogaa gaara irraa, ka akka kolbaa bindilla'aa caqasa'a! Caanca odduu mootumma'aa, ta akka gosa biyya adda addaa ta wolitti qabantee caqasa'a! Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, lolaaf loltoota ifii wolitti qabatiisatti jira.
ISA 13:5 Isaan lafa fago'ootii fi qaccee biyya lafaatii hin dhufan; Mootiin Waan Maraa meya mufii ifii kanaan lafa duudii hin balleessa.
ISA 13:6 Guyyaan Mootii Waan Maraa waan dhikaateef, wiiccifadha'aatii bowa'a; Ka Waan Mara Dande'u biraa badiin hin dhutti.
ISA 13:7 Tanaaf harki nama maraa hin laashowa; gadhaan nama maraalle akka gaga'aa soda'aan hin sheephisa.
ISA 13:8 Isaan hin bararaqan; gaargallii fi muddam isaan hin dhaqqaba; akka dubartii ciniinsifattuu hin ciniinsifatan; isaan soda'aan wol ilaalan; fuulli isaaniille akka bobe'a ibiddaa hin diimata.
ISA 13:9 Kunoo, guyyaan Mootii Waan Maraa gadhi-jabeessa; guyyaan sun lafa onsiisaaf, cubbaalleyyiille lafa irraa balleessiisaaf, mufi'ii fi aarii bobeettuun hin dhufa.
ISA 13:10 Urjooti ol-gubba'aatii fi tuuti isaanii hin ifanu; aduun bayiisatti jirtulle hin dukkanootti; ji'ille hin ifu.
ISA 13:11 Mootiin Waan Maraa, «Ani biyya lafaa hammeenna isi'iitiif, worra hamoolee cubbuu isaaniitiif hin adaba; koora worra ifi saaduu hin balleessa; ifi jajiisa worra bondhooruu gad hin qaba.
ISA 13:12 Nami worqii qullu'uu fi worqii Ofiirii caalaa kaso'otti akka hin dhagganne godha.
ISA 13:13 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade guyyaa mufii tiyyaatii fi aarii tiyya ta bobeettuu ol-gubbaa hin raasa; lattille addee ifii irraa akka tachootu hin godha.
ISA 13:14 «Akka buddannee nami ari'uutii fi akka hoolee tissee hin qannee, nami marti gara kolbaa ifii hin deebi'a; gara lafa ifiille hin baqata.
ISA 13:15 Ka booji'ame marti hin woraanama; ka qabame marti shallaaga'aan hin ijjeefama.
ISA 13:16 Daa'immaan isaanii ila isaanii duratti hin hohoocaman; manni isaanii hin saamama; dubartii isaaniille hunnaan woliin hin rafa.
ISA 13:17 «Kunoo, ani worra Medoonii ka meetii tuffatu, ka worqiille'etti hin gammanne isaanitti hin kakkaasa.
ISA 13:18 Guubeen isaanii dargaggoota isaanii hin ijjeetti; daa'immaaniif hin mararanu; ijoolle'eefille hin nayanu.
ISA 13:19 Baabilonii dooqa mootummootaa, ulfinnaa fi koora worra Baabilonii ta teete, ani Mootiin Waan Maraa akkuma Sodoomii fi Gomora'aa hin balleessa.
ISA 13:20 Dhalootaa haga dhalootaatitti nami achi keessa ijjumaa hin qubatu yookiin hin le'u; nami biyya Arabaa achi keessatti dunkaanii hin dhaabbatu; tissitootille hoolee ifii achi keessa hin tiffattu.
ISA 13:21 Bineensoti ammoo achi keessa hin ciisan; mandhee isaanii keessa jeedalti hin guutti; urunguulle achi keessa hin leeti; godaalle achi keessa hin burraaqa.
ISA 13:22 Mana worra jajjabaa keessaa yayyiin hin dutti; mana mootumma'aa ka Baabilonii dadansaa keessaa jeedalti hin iyyiti; yennaan Baabilonii geetteerti; guyyaan isi'iille dhikaateera» jedha.
ISA 14:1 Mootiin Waan Maraa sanyii Yaaqoobiitiif hin marara; ammalle Israa'eloota filee lafa isaanii keessa akka le'anu hin godha; worri ormaa dhufee, Israa'eloota woliin le'anee, sanyii Yaaqoobii woliin tokko hin te'an.
ISA 14:2 Gosi biyya adda addaa Israa'eloota fuutee, addee isaaniititti hin deebitti; kolbaan Israa'elii lafa Mootii Waan Maraa keessatti gosa biyya adda addaa san garbichaa fi garbittii hin godhatan; isaan worra dur isaan booji'e hin booji'an; worra dur isaan cunqurselle hin bulchan.
ISA 14:3 Yennaa Mootiin Waan Maraa farra keessaa, rakko'oo fi garbummaa keessaa baasee, isin foorfachiisu,
ISA 14:4 Isin mootii Baabilonii irratti murgaa, «Mootiin nu cunqursaa ture attam attam jige! Aariin isaalle attam attam badde!
ISA 14:5 Mootiin Waan Maraa ulee worra hamoole'eetii fi bokkuu bulchitootaa caccasseera.
ISA 14:6 Mootiin Baabilonii adoo gargar hin kutin aari'iin kolbaa dhowee, gosa biyya addaalle marartii malee bulche.
ISA 14:7 Amma biyyi lafaa duudiin fooraa fi nageya dhaggatte; gammadaan ilillitte.
ISA 14:8 Hindheensii fi birbirsi Libaanoniituu gammadaan, ‹Eega ati jidde, nami nu muriisaaf dhufu hin jiru› hin jedhan.
ISA 14:9 «Yennaa ati gara addee worri du'e jiru gad buutu, addeen worri du'e jiru sun qirqirtee si fudhatti; ekeraa worra du'eetii fi sooressitoota biyya lafaa ta dur duute dammassite; mootota gosa biyya adda addaa ta dur duute duudiille, barcumaa mootummaa isaanii irraa nageya akka si fuudhanu ol kakaatte.
ISA 14:10 Isaan martinuu deebisanee, si'iin, ‹Atille akkuma keenna dadhaddeerta! Akkuma keenna teeteerta!
ISA 14:11 Koorri keeti qoonqoo kiraara keeti guddichaa woliin gara addee worri du'e jiruu gad bu'eera; qu'een afinaa keeti; corroxxi uffana keeti› hin jedhan» hin jettan.
ISA 14:12 Ee, bakkalcha bari'ii, ilma ganamaa, attam attam ol-gubbaa irraa gad buute! Ati ka mootota gosa biyya adda addaa gad qadde, amma attam attam lafatti gad gatante!
ISA 14:13 Ati gadhaa keeti keessatti, «Ani gara ol-gubba'aa hin baya; barcumaa mootummaa kiyyaalle urjoota Waaqaatiin gubba'aatti hin godhadha; barcumaa mootumma'aa kiyya ka gaara yaa'ii waaqotaa, gara kaabaa qaccee irra jiru irra hin tee'a.
ISA 14:14 Qaccee duumensaa gubba'atti hin baya; Ol-Aanaa ifi hin godha» jetteertaayyu.
ISA 14:15 Ammoo gara addee worri du'e jiruu, qilee boollaa keessa gad buuteerta.
ISA 14:16 Worri du'e si dhagge baaseffatee, «Kun namicha lafa tachoosee, mootota raase,
ISA 14:17 ka biyya lafaa goomolee godhee, qachoota isi'ii diige, worra booji'e gara biyya ifii akka hin galle ka dhooggee motii?» si'iin hin jedhan.
ISA 14:18 Moototi gosa biyya adda addaa marti du'anee, tokko tokkoo isaanii addee awwaala ifiititti ulfinnaan awwaalamaneeran.
ISA 14:19 Ati ammoo akka damee jibbatantee, addee awwaalaa keessaa baafantee gatanteerta; reeffi keeti reeffa worra shallaaga'aan woraanamee ijjeefameen, boolla dhaka'aa keessatti gollameera; ati akka reeffa miilaan dhidhiitamuu ti.
ISA 14:20 Ati lafa teeti balleessitee, kolbaa teeti waan ijjeetteef, isaan woliin hin awwaalantu; sanyii worra hantuu hujjuu, maqaan ijjumaa deebi'ee hin waamamu.
ISA 14:21 Isaan ka'anee lafa dhaalanee, qachaa ifiitiin lafa akka hin guunne, sababa yakkaa abbootii isaaniitiif ilmaan isaanii fixiisaaf addee isaaniif qopheessa'a.
ISA 14:22 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani isaan irratti hin ka'a; maqaa Baabiloniitii fi kolbaa isi'ii, ilmaan isi'iitii fi sanyii isi'ii hin balleessa.
ISA 14:23 Baabilon mandhee dhaddo'ootii fi lafa caffa'aa hin godha; haxowwi'iin haree isii hin balleessa. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbadheera» jedha.
ISA 14:24 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kakatee, «Akka ani yaade hin teeti; akka ani murteesse hin muummotti.
ISA 14:25 Ani worra Asoorii lafa tiyya keessatti hin butucha; gaara kiyya irralle'etti isaan irra hin sirba; waanjoon isaanii kolbaa tiyya irraa hin fuudhama; ba'aan isaaniille gurmuu kolbaa tiyyaa irraa hin buuti.
ISA 14:26 Yaadi ani biyya lafaa duudi'iif yaade kana; harki gosa biyya adda addaa mara adabiisaaf diriirfadhe kana» jedhe.
ISA 14:27 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana waan yaadeef, eentu isa dhoogga ree? Inni adabiisaaf harka ifii waan diriirseef, eentu duubatti deebisa ree?
ISA 14:28 Ergaan bara mootichi Ahaaz du'e himante tana:
ISA 14:29 Ee kolbaa Filisxeemotaa, uleen isin dhootte waan caddeef guddoo hin gammadina'a. Sanyii bofaa keessaa buutiin hin dhalatti; ilmoolee isaa keessaa dhudhuufaan akka malee utaalu dhalata.
ISA 14:30 Hiyyeeyyiin buuxxiyyeen waan nyaatanu hin dhaggatan; worri deegille yaaddoo malee hin le'an; sanyii teessan ammoo beelaan hin ijjeesa; worra hafanelle hin fixa.
ISA 14:31 Ee kolbaa karra keessa, wiiccifadha'a! Ee kolbaa qachaa keessaa, iyyi! Ee worra Filisxeemotaa, isin duudiin, sodaadha'aatii sheephisa'a! Loltooti isaa ta gara duubaa hin deebine, gara kaabaatiin waan dhufaneef, worri Filisxeemotaa duudiin soda'aan sheephisa'a.
ISA 14:32 Worra gosa san biraa ergamanee dhufanuuf deebii maan kennina? Nuuti isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Xiyoon ijaareera; kolbaan rakkatte isii keessatti addee itti baqattu hin dhaggatti» hin jenna.
ISA 15:1 Ergaan marroo Mo'aabii ta asii gad jirtu; Qachaan Aarii ka Mo'aab keessaa halkan tokkotti diigamee bade; qachaan Qiirii ka Mo'aab keessaalle halkan tokkotti diigamee bade.
ISA 15:2 Kolbaan qachaa Diibonii bowiisaaf gara galma ifii gara addee waaqonfanna'aa ol baati. Kolbaan Mo'aabii duudiin marroo qachaa Nebo'ootii fi Medeba'aa guddoo gadditee, mataa ifii haadattee areeda ifii murattee bootti.
ISA 15:3 Isaan woyaa gaddaa uffatanee karaa irra deeman; heellichoo mana ifii irratti, badhinnalle'etti bowaa imimmaan dhangalaasan.
ISA 15:4 Kolbaan qachaa Heshibooniitii fi Ele'aale hin iyyiti; qoonqoon iyya isaaniille haga qachaa Yaahasiititti hin dhage'anti; tanaaf loltooti Mo'aabii hin iyyiti; gadhaan isi'iille soda'aan hin raafama.
ISA 15:5 Gadhaan kiyya qachaa Mo'aabiitiif hin bowa; kolbaan achi keessaa gara qachaa Zo'aariitii fi gara Eglaat-Shelshiiya'aatitti hin baqatti; isaan bowaa gara Luhii ol hin bayan; karaa Horonaayimii irralle'etti marroo badii isaaniitiif gaddaa hin iyyan.
ISA 15:6 Bisaan Niimriimii hin goga; marrille hin qoora; biqiltuun baddee wonni bisileen tokkolle hin jiraatu.
ISA 15:7 Tanaaf isaan karra horatanee fi waan wolitti qabatane ba'atanee laga olaati'iitiin gamatti hin buufatan.
ISA 15:8 Iyyi isaanii haga meessaa Mo'aabiititti hin dhage'anti; wiiccifatiisi isaanii haga qachaa Eglaayimii, gaddi isaaniille haga qachaa Be'er-Eliimii hin dhaqqaba.
ISA 15:9 Bisaan qachaa Diibonii dhiigaan hin guuta; ani Mootiin Waan Maraa rakkoo ta caaltu qachaa Diiboniititti hin fida; worra qachaa Mo'aabii keessaa baqatee bayuu fi worra achitti miliqee hafe neenqa itti hin erga.
ISA 16:1 Isin worri Mo'aabii qachaa Shela'aa irraa, karaa goomole'eetiin bulchaa lafaa ka gaara Xiyoonii irratti dhaggamuuf, buruusota hoole'ee erga'a.
ISA 16:2 Ijoolleen durraa ta Mo'aabii malkaa Aarnonii irratti akka sinbirroota mana ifii irraa ari'antee, asii fi achi hin joonjan.
ISA 16:3 Worri Mo'aabii kolbaa Yihuda'aatiin, «Nutti gorsa'a; murtee nu'uuf kenna'a. Aduu saafowaa irraa gaaddisa nu'uuf te'a'a; nu worra isinitti baqatu dhossa'a; dabarsitaneelle nu hin kennina'a.
ISA 16:4 Nu worri biyya Mo'aabii keessaa baqanne, odduu teessan qubannuu ti; worra nu balleessu jalalle'ee nu dhossa'a» hin jedhan. Worri nama cunqursu lafa irraa hin bada; badiin hin jiraattu; worri nama miidhu lafa irraa hin bada.
ISA 16:5 Achiin duuba jaalala bara baraatiin barcumaan mootumma'aa tokko hin dhaabama; sanyii Daawitii keessaa ka addatamu tokko, ka muraa dhuga'aa muruu fi ka waan sirrii te'elle dafee muummessu, irra hin tee'a.
ISA 16:6 Kolbaan Yihuda'aa, «Kooriisa kolbaa Mo'aabii, bondhooriisa, ifi jajiisaa fi tuffii isi'ii dhageenneerra; kooriisi isi'ii ammoo gatii hin qabu» hin jetti.
ISA 16:7 Tanaaf kolbaan Mo'aabii wiiccifattee hin bootti; isaan martinuu Mo'aabiif wiiccifatanee hin bowan; isaan sagalee dansaa qachaa Qir-Heresiitii yennaa qaabatane gaddanee hin bowan.
ISA 16:8 Fichaan qachaa Heshiboonii keessa jiru, muki woyni'ii Siibmaa keessalle qooreera; woynii dansaa ta haga qachaa Yaazeriitii, haga goomole'eetii fi haga abbaaya'aan gamaa geette, bulchitooti gosa biyya adda addaa irra sirbaneeran.
ISA 16:9 Tanaaf akkuma kolbaan qachaa Yaazerii muka woyni'ii Siibma'aatiif bootte, anille hin bowa. Ee, Heshiboon! Ee, Ele'aale! Midhaan muka keessaniitii fi midhaan keessan dhabannaan, ililleettiin yennaa midhaan galfattanuu waan hatteef, ani imimmaan dhangalaasee hin bowa.
ISA 16:10 Gammadaa fi ililleettiin fichaa midhaan baasu keessaa dhabante; fichaa woyni'ii keessatti ka geleluu fi ilillisu hin jiru; ani gelelee waan balleesseef, nami woynii cunfu addee woynii itti cunfanu hin jiru.
ISA 16:11 Tanaaf gadhaan kiyya Mo'aabiif, keessi kiyyalle Qir-Heresiif, akka qoonqoo kiraara guddichaa gaddaan gunguma.
ISA 16:12 Kolbaan Mo'aabii gara addee waaqonfannaa ifii yoo ol baatelle, toluma elootti; daadimatiisaaf gara addee itti waaqonfattuu yennaa dhaxxulle, bu'aa hin qaddu.
ISA 16:13 Wonni kun waan Mootiin Waan Maraa dur marroo Mo'aabiitiif dubbate.
ISA 16:14 Amma ammoo Mootiin Waan Maraa, «Akka woggaa nama yenna'aaf qaxaramee hujuu, ulfinni Mo'aabiitii fi baceenni kolbaa isi'ii woggaa sad keessatti gad hin deebi'a; worri jiru'uun hafelle diqqa'aa fi dadhabaa hin te'a» jedha.
ISA 17:1 Ergaan marroo Damaasqo'oo ta asii gad jirtu; Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, qachaan Damaasqo'oo haganaa achi qachummaan isaa hafee, tuulaa waan bututee hin te'a.
ISA 17:2 Qachooti Aro'erii hin onan; addee tika hori'ii hin te'an; nami horii san sodaachisu hin jiru.
ISA 17:3 Qachaan dalleya dhaka'aa Efreem keessaa, mootummaalle Damaasqoo keessaa hin baddi; worri Sooriyaa keessatti jiru'uun hafe, akkuma Israa'elootaa hin salphatan. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbadheeraa.
ISA 17:4 «Guyyaa san, ulfinni Israa'elii gad hin deebi'a; gabbinni nafa isi'iille irraa hin dhumata;
ISA 17:5 akka fichaa midhaan irraa haamamee, akka dhooqa Refaa'iimii ta woxoo keessaa qocataneelle hin te'a.
ISA 17:6 Akka muka ejersaa ka yennaa hargufanu, qaccee isaa irratti midhaan lama yookiin sad, dameelee isaa irralle'etti midhaan afur yookiin shan hafuu hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedha.
ISA 17:7 Guyyaa san kolbaan gara ka isaan Dadee hin ilaalti; ila ifiille gara Woyyicha Israa'elii hin deebifatti.
ISA 17:8 Isaan gara addee ciinca'aa ta harka ifiitiin hujatanee, gara utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi gara addee hixaanaa ta harka ifiitiin hujataneelle hin ilaalanu.
ISA 17:9 Akkuma qachooti Hiiwotaatii fi Amoorotaa, yennaa Israa'elooti qabatane te'ane, guyyaa san qachooti keessan ka dalleya dhaka'aa qabanulle ona hin te'an; hin diigamanille'e.
ISA 17:10 Isin Israa'el, Waaqa fayyisaa keessan deetaneertan; rassaa itti baqattanulle hin qaabanne; tanaaf biqiltuu dansa'aa fi biqiltuu biyya ormaa dhaabbatanulle,
ISA 17:11 guyyuma dhaabbatane san akka guddatanu gootanee, boruyyaa ganama isiniif daraarulle, guyyaa dhukkubi hin fayyine itti bu'u, waan haammattanu hin qabaattanu.
ISA 17:12 Hoola! Qoonqoon kolbaa heddu'uu akka abbaayaa bulphittuutii ti; qoonqoon gosa biyya adda addaalle akka shookkettii bisaan gudda'aa ti!
ISA 17:13 Kolbaan hedduun akka bisaan yaa'uu shookkittulle, yennaa Waaqi isaan xixu, akka hicaacee kooba irraa qilleensi bittinneessuu, akka bukuu hobonbolatti'iin bittinnoottuu fagoo hin bittinnowan.
ISA 17:14 Halkan hin bararaqan; adoo latti hin bari'in hin dhabaman. Worri nu saamu akkasuma hin te'a.
ISA 18:1 Lafa laga Itoophiya'aatiin gamaa, ta koolli birrisuutiif aanne'e!
ISA 18:2 Latti sun abbaayaa irra, hoboloo allaadduu irraa hujanteen bisaan irra ergantoota ergiti. Isin ergantooti ariiti'iin ideentanu, gara kolbaa dhedheertu'uu, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantuu, gosa hunnaameyyii jajjaba afaan isaanii hin beekkannee, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodantee dhaqa'a.
ISA 18:3 Isin kolbaan biyya lafaa marti, ta lafa irra leetanu, yennaa baandiraan gaarota irra dhaabamu hin dhaggitan; tultullaan yennaa afuufamulle hin dhageettan.
ISA 18:4 Mootiin Waan Maraa anaan, «Ani addee leetoo tiyyaa irraa, akka ifa o'a adu'uu keessaa calalaquu, o'a yennaa haamma'aa keessa akka duumensa karfaffu'uu, cadhi jedhee gad hin ilaala» jedhe.
ISA 18:5 Midhaan woyni'ii adoo hin galchiniin dura, muki woyni'ii daraaraa yennaa buufatu, midhaan woyni'ii yennaa bargoo te'u, billowaan gaaleen isi'iitii fi dameeleen isi'ii irraa muranee akkuma gatamanu, inni kolbaa biyya sanii hin balleessa.
ISA 18:6 Reeffi loltoota isaanii allaattii gaaraatii fi bineensota badda'aatiif sagalee hin te'a; allaattiin isaaniin bona hin baati; bineensotille isaaniin ganna hin bayan.
ISA 18:7 Yennaa san kolbaan dhedheertuun, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantu, gosi hunnaameyyiin jajjabi afaan isaanii hin beekkanne, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodante, addee Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfamutti, gara gaara Xiyoonii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef kennansa hin fiddi.
ISA 19:1 Ergaan marroo biyya Gibxi'ii ta asii gad jirtu: Mootiin Waan Maraa duumensa ariifata'aan gara biyya Gibxi'ii dhufiisatti jira; waaqoti dharaa ka biyya Gibxi'ii isa duratti hin sheephisan; gadhaan kolbaa Gibxi'ii hin sheephisa.
ISA 19:2 Mootiin Waan Maraa, «Ani Gibxoota, Gibxoota irratti, obboleessa, obboleessa irratti, fira, fira irratti, qachaa, qachaa irratti, mootummaa, mootummaa irratti hin kaasa.
ISA 19:3 Worri Gibxi'ii guddoo hin sodaata; karoorri isaaniille akka hin muummonne hin godha; isaan waaqota dharaa, ayyaana ekera'aatii fi worra ekeraa dubbisu irraa gorsa hin gaafatan.
ISA 19:4 Worra Gibxi'ii harka goottaa gadhaa jabaatutti dabarsee hin kenna; mootiin nama sodaachisulle isaan hin bulcha. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbadheera» jedha.
ISA 19:5 Lagi Nayilii hin goga; bisaanille laga keessaa hin bada.
ISA 19:6 Lagi sun hin ajowa; bisaan angure'ee ka Gibxi'iille dhidhatee hin goga; beele'ee fi allaaduun hin qoorti.
ISA 19:7 Biqiltuun qarqara Nayilii marti hin qoorti; wonni qarqara Nayiliititti facaafame marti gogee, qilleensaan hin fudhatanti.
ISA 19:8 Worri qurxummii guuru hin gadda; worri malxaqqoo ifii laga Nayilii keessa buusu duudiin hin bowa; worri caccoo ifii bisaan keessatti afatu duudiin addii hin kutata.
ISA 19:9 Worri fuuttaa baasuu fi worri quncee talba'aa irraa woyaa dhowu addii hin kutata.
ISA 19:10 Worri woyaa dhowu kun si'a hin dhaba; worri qaxaramee huju martille hin gaddan.
ISA 19:11 Qondaaltoti qachaa Zo'aanii ijjumaa gowwoole'e; gorsi qaroolee Fara'oonii gatii hin qabu; isin attam Fara'ooniin, «Nuuti qaroole'e; maatii mootota duriitille'e» ifiin jettanii ree?
ISA 19:12 Ee Fara'oon, qarooleen teeti eessa jiran? Isaan waan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, biyya Gibxi'ii irratti yaade sitti himanuu ti.
ISA 19:13 Qondaaltoti qachaa Zo'aanii gowwiteerti; qondaaltoti qachaa Memfiisiille sobanteerti; sooressitooti Gibxi'ii gugurdoon kolbaa Gibxi'ii karaa irraa gorsiteerti.
ISA 19:14 Mootiin Waan Maraa ayyaana isaan joonjessu isaanitti buuse; isaan akka nama machowee adaala diddiga ifii tittimuu, biyyi Gibxi'ii waan gootu maraan akka tintintu godhaneeran.
ISA 19:15 Worri mata'atti yookiin eege'etti, damee muka meexxi'iititti yookiin allaadu'uutitti fakkeeffamane, biyya Gibxi'iitiif waan tokkolle godhuu hin dande'anu.
ISA 19:16 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, worra Gibxi'ii adabiisaaf harka ifii yennaa ol fuudhu, Guyyaa san isaan akka dubarti'ii hin te'an; sodaataneelle hin romman.
ISA 19:17 Biyyi Yihuda'aa biyya Gibxi'ii hin bararassiti; sababa Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade biyya Gibxi irratti waan hantuu yaadateef, nami maqaa Yihuda'aa dhage'u marti hin bararaqa.
ISA 19:18 Guyyaa san qachooti biyya Gibxi'ii keessa jiranu shan, ka afaan Kana'aanotaa dubbatanu, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin hin kakatan; qachoota kana keessaa tokkochi, «Qachaa badi'ii» hin jedhama.
ISA 19:19 Guyyaa san lafa Gibxi'ii wodhakka'atti addeen ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif hin ijaaranti; meessaa lafa Gibxi'ii irralle'etti soodduun isaaf hin dhaabanti.
ISA 19:20 Tun lafa Gibxi'ii keessatti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef beessisaa fi dhugaa baya hin teeti; sababa worra isaan cunqursuutiif yennaa isaan gara Mootii Waan Maraa iyyanu, inni fayyisaa isaaniif loluu fi ka diina jalaa isaan baasu isaaniif hin erga.
ISA 19:21 Mootiin Waan Maraa worra Gibxi'iititti ifi hin mudhisa; guyyaa san worri Gibxi'iille isa hin beekan; isaan ciinca'aa fi kennansa midhaanii isaaf dhikeessiisaan isa hin waaqonfatan; isaan waadaa isaaf hin galan; waadaa saniille hin muummessan.
ISA 19:22 Mootiin Waan Maraa worra Gibxi'ii hin adaba; achiin duuba ammoo isaan hin fayyisa; isaan gara isaa hin deebi'an; innille daadimata isaanii dhage'ee, isaan hin fayyisa.
ISA 19:23 Guyyaa san karaan biyya Gibxi'iitii ka'ee, haga biyya Asooriititti hin baya; worri Asoorii gara biyya Gibxi'ii, worri Gibxi'iille gara biyya Asoorii hin dhaqan; worri Gibxi'ii worra Asoorii woliin Waaqa hin waaqonfatan.
ISA 19:24 Guyyaa san Israa'el biyya Gibxi'iitii fi biyya Asoorii woliin eebba biyya lafaa te'iisaaf, biyya sadeesso'oo hin teeti.
ISA 19:25 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kolbaan tiyya ta biyya Gibxi'ii, kolbaan biyya Asoorii ta ani harka kiyyaan dade, kolbaan Israa'elii ta ani filadhelle ka eebbifamane te'anuu ti» jedhee hin eebbisa.
ISA 20:1 Bara ajajaan loltootaa Sargon mootii Asooriitiin ergamee, biyya Ashidoodii lolee qabate,
ISA 20:2 yennaa san Mootiin Waan Maraa ilma Amosii Isaayaasitti dubbatee, «Dhaqiitii woyaa gaddaa teeti ifi irraa, kophee teetille miila keeti irraa baafadhu» jedhe; innille akkuma ajajame godhee, woyaa ifi irraa baafatee miila duwwaa ideeme.
ISA 20:3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Beessisaa fi ifi eeggachiisiisa biyya Gibxi'iitii fi Itoophiya'aa, tajaajilaan kiyya Isaayaas qullaa ifiitii fi kophee miila ifii baafatee woggaa sad akkuma ideeme,
ISA 20:4 akkasuma mootiin biyya Asoorii worra Gibxi'ii qabatee, worra Itoophiya'aa booji'ee, dargaggootaa fi jaarsolee qullaa isaanii, kophee miila isaanii irraa baasee, hudduu qullaa isaan oofee hin ideema; maarre worri Gibxi'ii hin qaanowa.
ISA 20:5 Worri Itoophiya'atti addatee fi worri Gibxi'iin koore, hin sodaata; hin qaanowalle'e.
ISA 20:6 Guyyaa san worri qarqara Abbaaya'aa le'u, ‹Kunoo, worri nuuti mootii biyya Asoorii jalaa akka nu baasanuuf addannee, qarqaarsaaf itti baqanne eega akkas te'e, nuuti attamiin isa jalaa baana ree?› hin jedhan» jedhe.
ISA 21:1 Ergaan marroo lafa goomolee qarqara Abbaaya'aa ta asii gad jirtu: Akkuma hobonbolattiin gara kibbaa irraa haxowaa dhuttu, akkasuma lafa goomole'ee ta nama sodaachittu irraa badiin hin dhutti.
ISA 21:2 Ani mudhii nama sodaachittu dhagge: Ka nama dabarsee kennu, dabarfamee hin kennama; ka nama saamu hin saamama. Ee loltoota Elaamii, ka'a'a! Ee loltoota Medoonii, qachaa marsa'a! Rakkoo Baabilon fidde mara ani hin hambura.
ISA 21:3 Ani tana yennaa dhage'e, yennaa dhaggelle, hidhi na citee, akka dubartii ciniinsifattuu te'ee, gad gugguufe.
ISA 21:4 Gadhaan kiyya raafamee, naasuun na rommisiitte; bariin ani halchu, sodaa guddoo natti teete.
ISA 21:5 Isaan sagalee qopheessane; itillee afane; nyaatanee unane; dedhuma ajaji, «Isin ajajjooti loltootaa ka'a'a. Wontee teessan zayiti'iin haxowadha'a!» jedhu baye.
ISA 21:6 Achiin duuba Goottaan anaan, «Dhaqiitii eedduu tokko achi keyi; inni waan dhagge himuu ti.
ISA 21:7 Inni garreettota fardaa, ka farda lama lamaan harkifamu, worra harre'ee fi gaala irra tee'ee deemu, yennaa dhaggu, hubatee ilaaluu ti» jedhe.
ISA 21:8 Achiin duuba eeddichi, «Ee Gootta'a, ani guyyuma guyya'aan xelleephoo irra dhaabbadha; halkan guutuulle dammaqee eega» hin jedha.
ISA 21:9 Kunoo, nami tokko garreettaa fardaa ka farda lamaan harkifamu irra tee'ee dhufiisatti jira. Eeddichi ammalle «Kunoo, Baabilon jidde! Jidde! Fakkiin waaqota dharaa isi'ii marti bututtee lafa harcaate» jedhe.
ISA 21:10 Ee kolbaa tiyya, isin worri akka midhaan eeddummee keessatti dhowamee teetane, ani waan Waaqa Israa'elii, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade irraa dhage'e isinitti hima.
ISA 21:11 Ergaan marroo Edoomiitiif dubbatante asii gad jirti: Nami tokko Edoom irraa na waamee, «Eeddicha! Halkan kun yoom bari'inna? Eeddicha! Halkan kun yoom bari'inna?» naan jedhe.
ISA 21:12 Eeddichille deebisee, «Halkan hin bari'a; ammoo deebi'eelle hin dhiya; waan gaafattu yoo qabaatte deebi'ii koyiitii gaafadhu!» jedhe.
ISA 21:13 Ergaan marroo biyya Arabaa ta asii gad jirtu: Ee isin daldaltooti Dedaanii, worri daggala Arabaa keessa qubattanu,
ISA 21:14 worra dheeboteef bisaan kenna'a. Isin worri biyya Teema'aa, worra baqatee dhufeef sagalee kenna'a.
ISA 21:15 Isaan shallaagaa jalaa, guubee dhifante jalaa fi lola o'e jalaa baqataneeran.
ISA 21:16 Mootiin Waan Maraa anaan, «Akka nami yenna'aaf qaxaramee hujuu woggaa laakkowatu, ulfinni Qedaarii woggaa tokko keessatti gad hin deebi'a.
ISA 21:17 Loltooti jajjabi Qedaarii, ta guube'een loltu, worri lubbu'uun hafe diqqaa hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedhe.
ISA 22:1 Ergaan marroo Dhooqa mudhi'ii ta asii gad jirtu: Isin maan teetanee, marti keessan heellichoo manaa gubba'atti ol baatane?
ISA 22:2 Ee qachaa caancaan guutame, ee qachaa hoga'aa fi caaqaa, kolbaan teeti shallaaga'aan hin ijjeefanne yookiin lola keessatti hin duune.
ISA 22:3 Sooressitooti teeti duudiin adduma tokko baqatane; isaan diina ifiititti guubee takkaalle adoo gad hin lakkisin booji'amane; diinni fagoo adoo jiruu isin worri baqattane martinuu adduma tokko qabantane.
ISA 22:4 Tanaaf ani, «Badii kolbaa tiyyaatiif, wiiccifadhee hin bowaa na irraa fagaadha'a; na jajjabeessiisaafille hin wodhaanina'a» jedhe.
ISA 22:5 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u dhooqa mudhi'ii keessatti guyyaa raafama, dhiitamaa fi bararaqa fidu qaba; guyyaa san dalleenni dhaka'aa hin jijjiga; kolbaalle gara koobaa hin iyyiti.
ISA 22:6 Loltooti Elaamii garreettaa fardaan harkifamu, fardoo irra tee'anuu fi korojoo daayaa qopheessite; loltooti Qiirii wontee qopheeffatte.
ISA 22:7 Dhooqi teeti dadansaan garreettaa fardaan harkifamuun guutante; abbootiin fardaa karra qachaa keetii dura dhaabbatte.
ISA 22:8 Dalleenni Yihudaan itti gollattu jige. Guyyaa san isin gara meya woraanaa ka mana mootumma'aa ka gongomaa Libaanonii keessaa ilaaltane.
ISA 22:9 Dalleya qachaa Daawitii ka caccabe hedduu dhaggitane; bisaan baleessa gadii keessaa kuufattane.
ISA 22:10 Isin manoota qachaa Yerusaalemii keessa jiranu laakkottane; dalleya qacha'aalle jabeessiisaaf manoota diiddane.
ISA 22:11 Bisaan baleessa durii addee itti kuufamu dalleya lamaan wodhakka'atti ijaarrattane. Isin ammoo gara Waaqa tana hujee hin ilaalle; ka dur karoora baasee hujelle'eef ulfinna hin kennine.
ISA 22:12 Guyyaa san Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u boottanee, wiiccifatanee mataa haadattanee, woyaa gaddaallee akka uffattanuuf isin waame.
ISA 22:13 Isin ammoo gammaddanee ilillittanee, sangootaa fi hoolee qalattanee, foon nyaataa, daadhii woyni'iille unaa, «Boru waan duunuuf, kowa'a adha nyaannee, unna» woliin jettane.
ISA 22:14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade natti dubbatee, «Dhugumaan yakkaa tanaan duutan malee, araara hin dhaggattanu» jedhe; Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbateera.
ISA 22:15 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, «Gara Shebnaa itti gaafatamaa mana mootumma'aa dhaqiitii,
ISA 22:16 ‹Ati asii maan hujja? Asitti addee awwaalaa akka qopheeffattu, kooba irratti addee awwaala akka bocattu, addee reeffi keeti itti foorfatu rassaa keessatti akka qopheeffattu, eentu si'iif eeyyame?
ISA 22:17 Ee nama jaba'a! Mootiin Waan Maraa jabeessee si qabee, fugussee si qolaansu'uu jira.
ISA 22:18 Inni akka kubba'aa si maree, gara biyya badho'oo si hin qolaansa; ati achitti hin duuta; garreettoti keeti ka fardaan harkifamanu ka ulfinnaa achitti hin hafan; atille mana goottaa keetiitiif salphinna hin teeta.
ISA 22:19 Inni addee teeti irraa gad si hin buusa; baallii teeti irralle'ee si hin kaasa› jedhiin.
ISA 22:20 «Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa tajaajilaa kiyya ilma Hiliiya'aa Eliyaaqim hin waama.
ISA 22:21 Ani woyaa ulfinnaa teeti isatti hin uffisa; hiituu teetille isatti hin hidha; baallii teeti dabarsee isaaf hin kenna. Inni worra qachaa Yerusaalemii keessa le'uuf, mana Yihuda'aatiifille abbaa hin te'a.
ISA 22:22 Furtuu mana Daawitii isaaf hin kenna; ka inni banu nami tokkolle cufuu hin dande'u; ka inni cufu nami tokkolle banuu hin dande'u.
ISA 22:23 Addee addachiittu'utti akka shikaala'aa jabeessee isa hin dongora; inni mana abbaa ifiitiif barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaa hin te'a.
ISA 22:24 «Ulfinni maatii isaa duudiin ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, meen didiqqaan mana keessaa, sini'ii jalqabee haga waaba'aatitti isatti hin fannifaman.
ISA 22:25 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Togaan addee addachiittu'utti jabaatee dongorame sun buqqa'ee caccabee hin jiga; wonni isatti fannifame marti hin baddi› jedha» jedhe.
ISA 23:1 Raagi marroo qachaa Xiiroosii asii gad jira; Qachaan Xiiroosii diigamee, manaa fi addee buufataa malee waan hafeef, Ee hoboloota gugurdoo Tarshiishii bowa'a! Oduun tun biyya Qophiroosii irraa dhutte.
ISA 23:2 Isin kolbaan oddoola leetanuu fi daldaltooti Sidoonii ka worra hobolo'oon abbaayaa irra deddeemiisaan duroontane cadhisa'a.
ISA 23:3 Midhaan dhooqa Nayilii Abbaayaa gugurdoo irra Xiiroosiif hin dhufaayyu; kunille galii isi'ii guddoo waan te'eef, Xiiroos dikkoo daldala gosa biyya adda addaa ti.
ISA 23:4 Ee Sidoon qachaa kushee Abbaaya'aa fokkifadhu; sababille abbaayaan dubbatee, «Ani hin ciniinsifanne; hin deennelle'e; ijoollee dhiiraatii fi ijoollee durraalle hin guddifanne» jette.
ISA 23:5 Xiiroos akka diigante worri Gibxi'ii yennaa dhage'e, nayanee hin romman.
ISA 23:6 Ee isin kolbaa oddoola leetanu, gara Tarshiishii gamatti bu'a'aatii wiiccifadha'aa bowa'a.
ISA 23:7 Kun qachaa keessan ka durii, qachaa gammadaa, ka namooti achi keessaa gara biyya fago'oo qubatiisaaf dhaqanee motii?
ISA 23:8 Qachaa Xiiroosii ka dur ulfinna namaaf kennu, ka daldaltooti isaa akka ilmaan moototaa, ka worri meya isaa gurgurulle biyya lafaa irratti ulfinna qabu karoora kana eentu isa irratti baase?
ISA 23:9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, koora worra qachaa Xiiroosii ka ulfinna qabuu salphisiisaaf, namoota isaa ka biyya lafaa irratti ulfinna qabanu mara gad qabiisaaf, karoora kana baase.
ISA 23:10 Ee kolbaa Tarshiishii, isin haganaa achi addee buufata hobolo'oo waan hin qabaanneef, akka laga Nayilii lafa teessan irra yaa'a'a.
ISA 23:11 Mootiin Waan Maraa harka ifii abbaayaa irra diriirsee, mootummoota isi'ii rommisiiseera; dalleya dhaka'aa ka Kana'aaniille akka diigamuuf ajajeera.
ISA 23:12 Inni, «Ee qachaa Sidoonii, ati waan diiganteef, haganaa achi hin gammaddu; gara biyya Qophiroosii gamatti buutulle, foora hin dhaggattu» jedheera.
ISA 23:13 Kunoo lafa Baabilonii ilaala'a; kolbaan isi'ii kolbaa bu'aa hin qanne teeteerti. Worri Asoorii xelleephoo itti ijaaratanee, dalleya dhaka'aa ka qachaa sanii diiganee, lafa bineensi le'u godhane.
ISA 23:14 Ee isin worri hoboloota gugurdoo Tarshiishiitiin yaatanu, qachaan keessan ka dalleya dhaka'aa waan diigameef, wiiccifadha'aa bowa'a.
ISA 23:15 Yennaa san qachaan Xiiroosii bara jiruu mootii tokkoo, woggaa torbaatama hin dedhama. Woggaa torbaatamaan duuba ammoo, sirba dubartii sagaagaltitti'ii keessatti,
ISA 23:16 «Ee dubartii sagaagaltittii dedhante, kiraara guddicha keeti fudhadhuutii qachaa keessa ideemi; akka si qaabatanuuf kiraara keeti guddicha akka dansaa dhowadhuutii, sirba bacaa sirbi» ta jedhante qachaa Xiiroosii irratti hin teeti.
ISA 23:17 Woggaa torbaatamaan duuba Mootiin Waan Maraa Xiiroos hin yaadata; isiin sagaagala ifii ka qaraatitti deebitee, daldala ifiitiin mootota biyya lafaa duudii woliin hin sagaagalti.
ISA 23:18 Bu'aan isi'iitii fi wonni isiin dhaggattu duudiin ammoo, ka Mootii Waan Maraatiif adda baafame te'a malee, wolitti qabamee hin kuufamu; worri Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf fuula isaa dura dhaabbatu sagalee baca'aa fi woyaa dansaa ittiin bitatan.
ISA 24:1 Kunoo, Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duwwaa godhee onsa; inni lafa gara balleessee, worra lafa irra le'u hin bittinneessa.
ISA 24:2 Wonni kolbaa irratti te'u, hayyicha irralle'etti hin te'a; wonni garbicha irratti te'u, goottaa isaa irralle'etti hin te'a; wonni garbittii irratti te'u, giittii isi'ii irralle'etti hin te'a; wonni nama bitatu irratti te'u, nama gurguratu irralle'etti hin te'a; wonni nama ergifatu irratti te'u, nama ergisu irralle'etti hin te'a; wonni nama liqeeffatu irratti te'u, nama liqeessu irralle'etti hin te'a.
ISA 24:3 Mootiin Waan Maraa dubbii tana waan dubbateef, latti guutumatti saamantee ijjumaa ona hin teeti.
ISA 24:4 Latti goddee wonni isii irraa qoorti; biyyi lafaa qom'oortee hin qoorti; qondaaltoti biyya lafaa hin qom'oorti.
ISA 24:5 Kolbaan biyya lafaa irra leetu seera Mootiin Waan Maraa eegatiisa, seerata isaa hordofuu diddee, gondooroo isaa ta bara baraa diiddee lafa batteessiteerti.
ISA 24:6 Tanaaf abaarsi biyya lafaa hin balleessa; kolbaan isi'iille yakkaa ifiitiif hin adabanti. Tanaaf kolbaan lafa irra leetu gubattee, worri diqqaan callaan hafeera.
ISA 24:7 Daadhiin woyni'ii haaretti dhumatte; muki woyni'iille goge; worri dur gammadu duudiin aade.
ISA 24:8 Qoonqoon dibbe'ee ta nama gammachiittu hatte; hogaan worra firinxiixuu cadhi jedhe; qoonqoon kiraara guddichaalle hatte.
ISA 24:9 Haganaa achi nami daadhii woyni'ii sirbaa hin unu; untoon nama macheessitu, worra unutti hin hadhootti.
ISA 24:10 Qachaan diigamee hin ona; eennulle akka hin seenne, seensumi mana maraa hin cufama.
ISA 24:11 Karaa irratti daadhii woyni'iitiif hin iyyan; gammadi gara gaddaa deebi'e; ililleettiin biyya lafaa keessaa badde.
ISA 24:12 Qachaan onee hafeera; karrille caccaddee bututteerti.
ISA 24:13 Maarre biyyi lafaatii fi gosi biyya adda addaa, akka muka ejersaa ka midhaan isaa irraa hargufameetii fi akka midhaan unkuruura muka woyni'ii irraa guuramee woxoon hafuu hin te'an.
ISA 24:14 Worri badii irraa hafe qoonqoo ifii ol qabatee, gammadaan hin ilillisa; worri gara aduun seentuu, guddinna Mootii Waan Maraa hin odeessa.
ISA 24:15 Worri gara aduun baatuulle Mootii Waan Maraatiif ulfinna hin kennan; worri oddoola keessa le'ulle maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin leellisan.
ISA 24:16 Qaccee biyya lafaa irraa faaruu leellisaa ta, «Ulfinni Waaqa balcha'aaf te'u» jettu hin dhageenna. Ani ammoo deebisee, «Ani huqqadhe! Ani huqqadhe! Aanne'e naaf! Worri maltooleen dabarsanee kennane; maltooleen maltummaa ifiitiin dabarsanee kennane» jedhe.
ISA 24:17 Ee, kolbaa biyya lafaa! Bararaqi, boollii fi tiyyoon isin eegatti.
ISA 24:18 Nami qoonqoo bararassitu baqatu, boolla keessa hin bu'a; nami boolla keessaa ol bayu tiyyo'oon hin qabama. Roobi hamaan ol gubba'aa hin rooba; hundeen lafaalle hin tachooti.
ISA 24:19 Latti dhodhootee, babbaqaxxee akka malee tatachoote.
ISA 24:20 Latti akka nama machowee hin tintinti; akka gosee qilleensa keessaa hin raafanti; yakkaan isi'ii waan itti ulfaatteef hin jiddi; ijjumaa deebitee hin kaatu.
ISA 24:21 Yennaa san Mootiin Waan Maraa hunna ol-gubba'aa maraa fi bulchitoota lafa irraa hin adaba.
ISA 24:22 Isaan akka namoota boolla keessatti hidhamaneeranuu, wolitti qabaman; haga yennaan isaan adabamanu geettutti manni hidha'aa isaanitti cufamee achi turan.
ISA 24:23 Mootiin Waan Maraa ka Waan Dade gaara Xiyoonii irratti, Yerusaalem keessatti mootii waan te'uuf, ji'aa fi aduun hin dimimmisan; jaarsoleen kolba'aalle ulfinna isaa hin dhaggiti.
ISA 25:1 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa kiyya; ani si hin jajadha; maqaa keetille hin leellifadha; waan maade'ee ka dur yaadde addatamumma'aan muummessiteerta.
ISA 25:2 Ati qachaa san tuulaa rassa'aa gooteerta; dalleya dhaka'aa ka qachaa saniille diiddeerta. Manni mootumma'aa ka alagaan ijaare haganaa achi hin jiraatu; ijjumaa deebi'eelle hin ijaaramu.
ISA 25:3 Tanaaf gosi biyya adda addaa jajjaboon ulfinna si'iif hin kenniti; qachooti gosa biyya adda addaa ta gadhaa jabaattuu si hin sodaatan.
ISA 25:4 Ati hiyyeessaaf addee itti baqatu, rakkata'aaf yennaa rakkinnaa addee itti baqatu, yennaa bokkeya bubbe'ee addee jalatti qophatanu, yennaa o'a adu'uulle gaaddisa teeteertaaf. Wonni afaan worra gadhaa jabaatuu keessaa bayu, akka bokkeya bubbe'ee ka dhaaba manaa dhowuutii fi
ISA 25:5 akka o'a goomole'ee ti. Akkuma duumensi o'a qabbaneessu, ati hogaa alaga'aa cadhi hin goota; faaruun isaaniille hin hatti.
ISA 25:6 Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, gaara Xiyoonii irratti gosa biyya adda addaa maraaf, daadhii woyni'ii ta baate, foon coomaa fi daadhii woyni'ii dansaa areertii hin qoheessa.
ISA 25:7 Inni gaara kana irratti gollaa gaddaa ka gosa biyya adda addaa mara golle hin balleessa.
ISA 25:8 Goottaan, Mootiin Waan Maraa haga bara baraa du'a hin balleessa; inni ila nama duudi'ii irraa imimmaan hin haqa; salphinna kolbaa ifii biyya lafaa duudii irraa hin fageessa. Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
ISA 25:9 Yennaa san kolbaan, «Dhuguma inni Waaqa keenna; nuuti isatti addannee, innille nu fayyise; Mootiin Waan Maraa ka nuuti itti addanne, isa kana; kowa'a fayyisiisa isaatitti gammannee ilillinna» hin jetti.
ISA 25:10 Harki Mootii Waan Maraa gaara Xiyoonii hin eega; kolbaan Mo'aabii ammoo, akkuma hicaaceen dhoqqe'een dhiitantu, miila isaa jalatti hin dhiitaman.
ISA 25:11 Isaan akka nami bisaan daaku harka ifii badhifatu, dhoqqee san keessatti harka ifii hin badhifatan; Mootiin Waan Maraa ammoo maltummaa isaaniitiin adoo hin sobamin, koora isaanii gad hin qaba.
ISA 25:12 Inni dalleya dhaka'aa dheeraa ka qachaa Mo'aabii gad qabee, lafatti buusee, bukuu irratti hin jissa.
ISA 26:1 Yennaa san faaruun asii gad jirtu lafa Yihuda'aa keessatti hin faarfanti: «Nuuti qachaa jabaa qanna; Waaqi dalleya dhaka'aatii fi kushee qacha'aa saniin nu hambure.
ISA 26:2 Kolbaan balchittiin ta dhugeeffannaa ifii eegatte akka seentuuf, karra qachaa sanii bana'a.
ISA 26:3 Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu, waan inni sitti addateef, ati nageya guutu'uun isa hin eedda.
ISA 26:4 Inni rassaa bara baraa waan te'eef, haga bara baraa Mootii Waan Maraatitti addadha'a.
ISA 26:5 Inni qachaa kooru hin salphisa; worra achi keessa le'ulle hin adaba. Inni qachaa ol ka'e san gara lafaa gad hin qaba; bukuu keessalle'etti gad hin gata.
ISA 26:6 Miilli worra cunqurfamanee isa irra hin ideema; faanti worra hiyyeeyyi'ii isa irra sirbiti.
ISA 26:7 «Ee Mootii Waan Maraa qajeela'a! Ati balchootaaf karaa hin qulqulleessita; daandii isaan irra ideemanulle wol hin qixxeessita.
ISA 26:8 Ee Mootii Waan Maraa! Karaa seera keetii irra ideemaa, addi'iin si eeganna; maqaa keetii fi waan ati nuu goote qaabatiisa dharraana.
ISA 26:9 Halkan lubbuun tiyya si dharraati; ayyaanni kiyyalle si dharra'a; yennaa ati lafatti murtu, kolbaan biyya lafaa irra leetu balchummaa hin baratti.
ISA 26:10 Worra hama'aaf gadhaa yoo laafanelle, balchummaan maan akka teete hin baratanu. Isaan lafa qajeelumma'aa keessalle'etti waan hantuu hujan; arnya Mootii Waan Maraalle hin qalbeeffatanu.
ISA 26:11 Ee Mootii Waan Maraa, harki keeti isaan adabiisaaf ol ka'eera; isaan ammoo hin dhagganu; akka ati kolbaa teetiif hinaattu dhagganee qaanowanuu ti; ibiddi ati diinaaf qopheessite isaan fixuu ti.
ISA 26:12 «Ee Mootii Waan Maraa, ati nageya nuuf hin kennita; waan nuuti hunye mara nuuf muummessiteerta.
ISA 26:13 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa keenna! Goottoleen dhibiin nu bulchaneeran; nuuti ammoo maqaa keeti qofa ulfeessina.
ISA 26:14 Isaan amma du'aneeran; haganaa achi hin jiraatanu; ekeraan isaanii hin kaatu. Ati isaan addaddee balleessite; dabarsii isaanii mara ijjumaa balleessite.
ISA 26:15 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti baceessite; ati isaan baceessitee, ulfinna ifiif fudhatte. Meessaa lafaalle karaa maraan badhitte.
ISA 26:16 Ee Mootii Waan Maraa, isaan yennaa rakko'oo gara keeti dhufane; yennaa ati isaan adaddu hasaassa'aan si daadimatane.
ISA 26:17 Ee Mootii Waan Maraa, akkuma dubartiin ulfaa, yennaa deyiisaaf ciniinsifattu iyyitu, nuutille si duratti akkasuma teene.
ISA 26:18 Akka dubartii ulfoottee ciniinsifattee teene; ammoo womaa hin deenne; waan biyya qarqaaru, waan hunye hin qannu; biyya lafaa irralle'etti nama hin daballe.
ISA 26:19 «Kolbaan teeti ta duute hin kaati; reeffi isaanii hin ka'a. Isin worri awwaalantaneertanu ka'a'aatii, ilillisa'a! Ee Mootii Waan Maraa, Fixeensi ati ergitu fixeensa jiruu kennu waan te'eef, latti ekeraa ol hin baatti.
ISA 26:20 «Ee kolbaa tiyya, kolloo teessan ol seena'aatii, balbala teessan cufadha'a; haga mufiin isaa dabartutti haga diqqaa dhokadha'a.
ISA 26:21 Kolbaa biyya lafaa cubbuu isaaniitiif adabiisaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa addee bultoo ifiitii dhufiisatti jira. Latti dhiiga isii irratti dhangala'e hin mudhitti; haganaa achi worra ijjeefamane hin dhossitu» ta jettu.
ISA 27:1 Yennaa san Mootiin Waan Maraa shallaagaa ifii ka sodaachisu, ka qara qabuu fi jaba'aan, dhudhuufaa gugatu, dhudhuufaa mammarataa hin adaba; bineensa naacha fakkaatu, ka «Lewaataan» jedhamulle hin ijjeesa.
ISA 27:2 Yennaa san Mootiin Waan Maraa «Fichaa muka woyni'ii dansa'aaf faarsa'a.
ISA 27:3 Ani Mootiin Waan Maraa fichaa san hin eega; yennaa mara bisaan hin obaasa; nami tokkolle akka hin miine halkanii fi guyyaa isa hin eega.
ISA 27:4 Ani haganaa achi fichaa muka woyni'ii sanitti hin aaru; qore'ee fi qumi'uuduu yoo baaselle ani itti duulee, ibiddaan gubee ijjumaa hin balleessa.
ISA 27:5 «Yookiin gara kiyya baqatanuu ti; na wolille'een nageyaan le'anuu ti; ee, na woliin nageyaan le'anuu ti» hin jedha.
ISA 27:6 Baroota dhufutti sanyiin Yaaqoobii hidda hin yaafatti; kolbaan Israa'elii quunxitee daraartee, biyya lafaa duudii midhaaniin hin guutti.
ISA 27:7 Mootiin Waan Maraa akka diinota Israa'elii dhowe, kolbaa Israa'elii hin dhoonne. Akka diinota isaanii ijjeese kolbaa Israa'elii hin ijjeenne.
ISA 27:8 Inni akka booji'amanu godhee isaan adabe; akkuma qilleensi gubu gara aduun baatuu, waanuma dhagge fuudhee deemu, innille akkasuma hafuura ifii ka sodaachisu isaanitti baafattee, isaan ari'e.
ISA 27:9 Kolbaan Israa'elii dhakoota addee ciinca'aa ka waaqota dharaa, akka dhakaa boore'ee yennaa caccassanee butuchane, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, addee ciinca'aa ta hixaana itti aarsanulle yennaa balleessane, yakkaa ifiitiif araara hin dhaggatan.
ISA 27:10 Qachaan dalleya dhaka'aa diigamee, akka goomole'ee hin ona; jabbiin achi keessa hin dheeddi; achi keessa ciittee baala dameele'ee dheeddee hin fixxi.
ISA 27:11 Dameen mukaa yennaa goddu, hin caccaddi; dubartooti dhuttee qoraan hin caffatti. Kolbaan tun hubantii waan hin qanneef, ka isaan Dade isaaniif hin nayu; isaanille'eef hin mararu.
ISA 27:12 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa'eloota laga Efraaxiisii irraa jalqabee, haga meessaa biyya Gibxi'iititti tokko tokkoon wolitti hin qaba. Inni akka nama midhaan hicaacee irraa adda baasuu worra dhibii irraa adda isaan hin baasa.
ISA 27:13 Guyyaa san tultullaan guddaan hin afuufama; worri biyya Asooriititti badanee fi worri gara biyya Gibxi'ii booji'ame gara biyya ifii deebi'ee, gaara woyyicha irratti Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraa hin waaqonfatan.
ISA 28:1 Qachaa Samaariya'aa, worra machowaa Efreemiitiif kallacha kooriisaa ka te'e, dhooqa lafa laattuu gubba'atti, daraaraan dansummaa ulfinna isaa ka irraa qooreef, ka worri daadhii woyni'iitiin sule ittiin kooruuf aanne'e!
ISA 28:2 Kunoo, Mootiin Waan Maraa nama jaba'aa fi hunnaamessa qaba; nami sun akka dhakaa bokkeyaa, akka qilleensa wo balleessuu, akka lolaa hama'aa fi akka bokkeya hama'aa, qachaa san hunnaan lafatti dhowa.
ISA 28:3 Kallachi namoota Efreemii ka worri machowu ittiin kooru, miilaan irra sirbama.
ISA 28:4 Qachaan Samaariya'aa ka dhooqa lafa laattuu gubba'atti, daraaraan dansummaa ulfinna isaa irraa qoore, akka harruu yenna'aan dura bilchaattee, ka nami akkuma dhaggeen fudhatee nyaatee fixuu hin te'a.
ISA 28:5 Guyyaa san Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii worra baraaree hafeef kallacha ulfinnaatii fi daraaraa dansumma'aa hin te'aaf.
ISA 28:6 Worra barcumaa mura'aa irra te'uuf, ayyaana haqaa, worra karra qacha'aa irraa diina dhoogguuf hunna hin kenna.
ISA 28:7 Isaan kun daadhii woyni'ii unanee gatantaran; untoon macheessituun joonjan; Hayyootii fi raagoti untoo macheessitu unanee gatantaraneeran; daadhiin woyni'iille isaan joonjessiteerti; raagoti yennaa mudhii dhagganu hin qalbeeffatanu; hayyootille yennaa muraa kennanu hin dokonkoran.
ISA 28:8 Qoriin isaanii duudiin diddigaan guutteerti; addeen qulqullitiin hin jirtu.
ISA 28:9 Isaan, «Inni eennu barsiisiisaaf wodhaana? Ergaa ifiille eennutti issee hima? Ijoollee harma lakkitte ta reefuu harma irraa guute barsiisaa?
ISA 28:10 Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja, seerata irratti seerata, seerata irratti seerata, asii barumsa diqqaa tokko, achii barumsa diqqaa tokko nutti dabalaa?» hin jedhan.
ISA 28:11 Maarre Mootiin Waan Maraa dubbii hin barataminii fi afaan ormaatiin kolbaa tanatti hin dudubata.
ISA 28:12 Inni isaaniin, «Addeen tun addee fooraa ti; worri dadhabe dhufee itti foorfatuu ti; addeen tun addee nageyaa ti» jedhe. Isaan ammoo hin dhageenne.
ISA 28:13 Tanaaf jechi Mootii Waan Maraa ka isaan raagichaan, «Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja, seerata irratti seerata, seerata irratti seerata, asii barumsa diqqaa tokko, achii barumsa diqqaa tokko nutti dabalaa?» jedhane sun isaan irratti hin te'a. Yennaa san isaan duubatti deebi'anee, jiganee hin caccaban; tiyyoolle'een qabamanee hin booji'aman.
ISA 28:14 Tanaaf isin worri murgaameyyiin, worri kolbaa Yerusaalem keessaa bulchitanu, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!
ISA 28:15 Isin, «Du'a woliin wol gondoorreerra; addee worri du'e jiru wolille'een wolii galleerra; balaan sodaachisu yennaa dhufu, dhara addee itti baqannu, soba addee itti dhokannu waan godhanneef, womaa nu hin tuqu» jettanee koortaneertan.
ISA 28:16 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhakaa hunde'ee, ka haga ilaalame, dhakaa roga ijaarsaa ka gatii guddo'oo, ka hundee jaddu'uuf te'u, Xiyoon keessa hin keya; nami isatti dhugeeffatu ijjumaa hin raafamu.
ISA 28:17 Ani haqa wodaroo miki'ii, balchummaalle tumbii hin godhadha; dhara isin itti baqattanu san dhakaan bokkeyaa hin balleessa; addee isin itti dhokattanu lolaan irra dhangala'a.
ISA 28:18 Gondooroon isin du'a woliin wol gondoorattane hin diiganti; wolii galteen isin addee worri du'e jiru woliin wolii galtane hin baddi. Balaan sodaachisu yennaa dhufu, isin balaa saniin hin baddan.
ISA 28:19 Balaan sun yennaa dhufu mara, isin fuudhee hin dabara; ganama ganama, halkanii fi guyyaalle isin hin haxowa» jedha. Ergaa tana hubatiisi sodaa guddoo fiddi.
ISA 28:20 Tunille akka mammaassa, «Nami taqee gabaadduu irra rafu hin diriirfatu; nami bullukkoo gadhaa dhiphattu uffatulle ifitti maree hin rafu» jedhame sanii ti.
ISA 28:21 Mootiin Waan Maraa gaara Pheraaziimii irratti, dhooqa Giibe'onii keessalle'etti akkuma godhe, ammalle hujii ifii ta baasaa hujiisaaf, kancira hujii ifii muummessiisaaf hin ka'a.
ISA 28:22 Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Maraa Dande'u, biyya lafaa ijjumaa akka balleessu ani dhage'eera. Tanaaf hidhaan akka isinitti hin jabaanne, murgiisa lakkisa'a.
ISA 28:23 Caqasa'a; qoonqoo tiyya dhage'a'a; waan ani jedhulle qalbeeffadha'a.
ISA 28:24 Qonnaan bulaan, fichaa ifii yennaa mara qotaa ree? Inni quqquuqaa bubbutuchaa, yennaa mara lafa laaffisaa ree?
ISA 28:25 Lafa miidhasseen duuba dinbilaali'ii fi onkooshee facaasaa motii ree? Qamadii tarree isi'iititti, Garbuu addee isaaf qophoottetti, midhaan adda addaalle qarqara sanitti facaasaa motii ree?
ISA 28:26 Kana mara akka inni huju Waaqa isaatitti isa gorsee, isa barsiise.
ISA 28:27 Dinbilaalli ulee qadho'oon malee, ulee furdo'oon hin dhowantu; onkoosheelle harxumme'een dhowanti malee, korboo garreettaa fardaan harkifamuun hin dhowantu.
ISA 28:28 Midhaan daabboo hujiisaaf daakama; maarre nami tokko haga bara baraa midhaan dhowaa hin le'u. Dhowiisaaf korboo garreettaa fardaan harkifamuu irra oofan malee, butuchiisaaf moti.
ISA 28:29 Tun duudiin Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, abbaa gorsa maade'eetii fi abbaa qarummaa guddo'oo biraa dhutte.
ISA 29:1 Ee Yerusaalem, addee ciinca'aa, qachaa Daawiti keessa qubate, si'iif aanne'e! Jila teeti wogguma wogga'aan jilifadhu!
ISA 29:2 Te'uu malee, ani Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa san hin rakkisa; achitti bowaa fi gaddi hin te'a. Achiin duuba ati naaf akka addee ciinca'aa ta ibiddi irratti bobe'uu hin teeta.
ISA 29:3 Ani karaa maraan si hin rakkisa; xelleephoolle sitti naannessee, kushee sitti ijaaree si hin rakkisa.
ISA 29:4 Achiin duuba ati gad hin deebita; lafa itti gad deebite san keessaa hin dubbatta; dubbiin teeti bukuu keessaa hin dhage'anti; qoonqoon teeti akka qoonqoo ekera'aa, boolla keessaa hin baati; haasonni keetille bukuu keessaa hin hasaasa.
ISA 29:5 Yerusaalem, diinoti keeti hedduun akka buku'uu hin te'an; loltooti nama sodaachisanulle akka hicaacee qilleensaan fudhatantuu hin te'an. Dedhuma adoo itti hin seyin,
ISA 29:6 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade mandiisu'uun, tacho'a lafaatiin, qoonqoo guddo'oon, hobonbolatti'iin, bubbee bokkeyaatii fi bobe'a ibiddaa ka nama fixuun hin dhufa.
ISA 29:7 Achiin duuba loltooti gosa biyya adda addaa, ta Yerusaalemii addee ciinca'aa loltu, ta kushee isi'ii loltuu fi ta isii rakkittu marti akka oojju'uutii fi akka mudhii halkanii hin te'an.
ISA 29:8 Akka nami beelowe oojju'uun sagalee nyaatee, yennaa hirriibaa ka'u ammoo beelumaan jiruu, akka nama dheebotee oojju'uun bisaan unee, yennaa hirriibaa ka'u ammoo gaggabee dheebumaan jiruu, gosi biyya adda addaa ta Yerusaalem loltu, akkasuma hin teeti.
ISA 29:9 Bararaqa'aatii maadeffadha'a! Dunuunfadha'aatii jaama'a! Machowa'a! Ammoo daadhii woyni'iitiinii moti. Gatantara'a! Ammoo untoo nama macheessituunii moti.
ISA 29:10 Mootiin Waan Maraa hirriiba hamaa isinitti buuseera; inni raagota ila teessan teete ila qabeera; sooressitoota teessan ta mudhii dhaggitulle mudhii irraa golleera.
ISA 29:11 Mudhiin tun duudiin isiniif akka kitaaba maramaa cufamee chaappaa itti godhamee ti; kitaaba akkasii nama kitaaba dubbisuu dande'utti kennitanee, «Dubbisi!» yoo jettane, inni ammoo, «Cufamee chaappaan waan itti godhameef, ani dubbisuu hin dande'u» hin jedha.
ISA 29:12 Nama kitaaba maramaa dubbisuu hin dandeennetti kennitanee, «Dubbisi!» yoo jettane, inni deebisee, «Ani dubbisuu hin dande'u» hin jedha.
ISA 29:13 Goottaan, «Kolbaan tun dubbii afaan ifiitiin natti dhikaatan; ulfinnalle naaf kennan; gadhaan isaanii ammoo, ana irraa fago'o; isaan ajaja nami isaan barsiiseen na waaqonfatan.
ISA 29:14 Tanaaf ani ammalle baasaa fi bilbaasa hujee, kolbaa tana hin maadeffachiisa; qarummaan qaroole'ee hin baddi; hubantiin worra hubatuu hin dhokatti» jedheera.
ISA 29:15 Worra karoora ifii Mootii Waan Maraa duraa akka malee dhoffatiisaaf wodhaananuuf, worra dhossa'aan woy hujuufille aanne'e! Isaan gadhaa ifii keessatti, «Eentu nu dhagga? Eentu nu irratti beeka?» jedhan.
ISA 29:16 Isin woy gara gaggalchitan; nami faara dhowu faara te'uu dande'aa? Wonni harka namaatiin hujame tokko, abbaa hujeen, «Ati na hin hunye» jedhuu dande'aa ree? Yookiin okkoteen, abbaa isii dhoween, «Inni womaa hin beeku» jedhuu dandeettii ree?
ISA 29:17 Yennaa diqqo'oon duuba baddaan Libaanonii fichaa laafaa hin teeti; fichaan laafaan gongomaa hin te'a.
ISA 29:18 Yennaa san worri gurra duuda'aa, jecha kitaaba maramaa keessaa hin dhage'a; worri ballaan ilti isaanii banantee dhaggiisa hin dande'an.
ISA 29:19 Mootiin Waan Maraa worra gad ifi qabu hin gammachiisa; worri hiyyeeyyiin Woyyicha Israa'eliititti guddoo hin gammadan.
ISA 29:20 Worri marartii hin qannee fi worri murgu hin badan. Worri nama irratti hantuu yaadu duudiin hin badan.
ISA 29:21 Worri dubbi'iin nama yakkaamessa godhu, worri badhinna kora mura'aa duratti tiyyoo namatti keyu, worri dhugaa baya sobaatiin, worra yakkaa hin qanne haqa dhooggu hin badan.
ISA 29:22 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Abrahaam bilisa baase, sanyii Yaaqoobiitiin, «Yaaqoob haganaa achi hin fokkifatu; qaanoweelle fuula hin badu.
ISA 29:23 Isaan ijoollee ifii ta ani harka kiyyaan dade odduu ifiititti yennaa dhagganu, isaan maqaa kiyya hin woyyoonsan; woyyummaa woyyicha Yaaqoobii hin beekan; soda'aan ana Waaqa Israa'elii dura hin dhaabbatan.
ISA 29:24 Worri yaadi isaanii karaa irraa gore, deebi'ee hin hubata; worri gungumulle gorsa hin fudhata» jedha.
ISA 30:1 Mootiin Waan Maraa, «Ijoollee mataa jabaattuuf, karoora kiyya hin te'in ta baafattuuf, fedhii tiyyaan ala gosa biyya adda addaa woliin ta wolii galtuuf, ta cubbuu irratti cubbuu dabaltuuf aanne'e!
ISA 30:2 Isaan na irraa gorsa adoo hin fudhatin, gara biyya Gibxi'ii gad bu'an; mootii Gibxi'ii qarqaarsa godhatanee, gaaddisa Gibxi'ii jalatti baqatan.
ISA 30:3 Mootii Gibxi'ii qarqaarsa waan godhattaneef hin fokkifattan; gaaddis Gibxi'iille isin hin qaanessa.
ISA 30:4 Qachaa Zo'aanii keessatti qondaaltota qabaattanulle, worri isin ergitane qachaa Gibxi'ii Hanees geyanulle,
ISA 30:5 kolbaan sun fokko'oo fi qaanii isaanitti fiddi malee, bu'aa hin qaddu; isaan qarqaaruu waan hin dandeenneef, marti isaanii hin qaanowan» jedhee dubbateera.
ISA 30:6 Marroo bineensota biyya Negebii wonni dubbatame asii gad jirti: worri ergame karra ifii harre'etti, meya gatii guddo'oo ka ifiille gaalatti fe'atanee, lafa soda'aa fi rakkinni jiru keessa deemanee, addee neenqi dhala'aa fi kormi, buuti'ii fi dhudhuufaan gugatu jiranu keessa dabaranee, gara kolbaa isaaniif bu'aa hin qannee,
ISA 30:7 gara worra Gibxi'ii ka qarqaarsi isaanii bu'aa hin qannee hin dhaqan. Tanaaf ani worra Gibxi'ii, «Jawwee abbaaya'aa ta cadhittee teettu» jedhee maqaa baase.
ISA 30:8 Amma dhaqiitii fuula isaanii duratti gabatee irratti barreessi; kitaaba maramaa keessalle'etti barreessi. Kunille baroota dhufuuf, haga bara baraa dhugaa baya hin te'a.
ISA 30:9 Isaan kolbaa finqiltuu, ijoollee dharaameyyii gorsa Mootii Waan Maraa hin caqanne.
ISA 30:10 Isaan worra mudhii dhagguun, «Haganaa achi mudhii hin dhaggina'a», raagole'een, «Raaga dhuga'aa nutti hin raagina'a; waan nu gammachiisuu fi waan nu'uuf dansaa te'e qofa nutti hima'a.
ISA 30:11 Karaa dhuga'aa kana lakkisa'a; daandii irraa gora'a. Marroo Waaqa Woyyicha Israa'elii san nutti hin himina'a» jedhan.
ISA 30:12 Tanaaf Waaqi Woyyichi Israa'elii, «Isin waan ani isinitti dubbadhu waan tuffataneef, nama cunqursiisaa fi sobiisatti waan addattaneef,
ISA 30:13 yakkaan tun akka dalleya dheeraa caccabee, dedhuma jigee bututuu isin hin gooti.
ISA 30:14 Akkasuma akka meya faaraa ka caccabee bututuu, ka bassoo ibidda ittiin fudhatanu yookiin ta bisaan boolla keessaa ittiin woraabbatanuulle keessatti hin dhagganne hin teetan» jedhe.
ISA 30:15 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii, «Isin yoo cubbuu teessan faaci'attanee foorfattane hin fayyitan; cadhittanee naaf yoo addatantane hin jabaatta; isin ammoo diddanee,
ISA 30:16 ‹Waawwo'o! Nuuti fardo'oon hin baqanna› jettan; tanaaf isin hin baqattan; isin, ‹Fardoo qolchoolee irra teenna› jettan; worri isin ari'ulle qolchaa hin te'a.
ISA 30:17 Isaan keessaa nami tokko yennaa isin sodaachisee xixe, isin keessaa nami kum hin baqata; nami shan yennaa xixe, isin martinuu hin baqattan. Utubaa baandira'aa keessan ka gaara irratti dhaabbatee fi beessisa ka kooba irra jiru malee, isin keessaa nami tokkolle achitti hin hafu» jedhe.
ISA 30:18 Mootiin Waan Maraa ammalle isin marariisaaf hin ossata; inni isiniif nayiisaaf hin ka'a; Mootiin Waan Maraa Waaqa haqaa ti; tanaaf worri isatti addatu duudiin gammaduu ti.
ISA 30:19 Ee kolbaa Xiyoonii, ka Yerusaalem keessa leetanu, haganaa achi hin boottanu; yennaa isin itti iyyattanu, akkuma qoonqoo teessan dhage'een, inni isiniif mararee deebii isiniif hin kenna.
ISA 30:20 Goottaan sagalee rakkinnaatii fi bisaan farraa isiniif kennulle, barsiisaan keessan haganaa achi isin duraa hin dhokatu; isin iluma teessaniin isa hin dhaggitan.
ISA 30:21 Yennaa isin gara middaa yookiin gara bita'aa deebitanu, qoonqoo isin duubaan, «Karaan kana, isa irra ideema'a» jettu gurri keessan hin dhage'a.
ISA 30:22 Achiin duuba isin waaqota dharaa keessan ka meeti'iin gonfamee fi fakkii waaqota dharaa ta worqi'iin gonfante hin salphittan; akka hoccuu xurti'ii gattanee, «Ila teenna duraa bada'a» isaaniin hin jettan.
ISA 30:23 Mootiin Waan Maraa midhaan isin facaafattanuuf, bokkeya hin roobisiisa; lattille midhaan dansaa hedduu hin baatti. Guyyaa san horiin keessan kaloo badho'otti hin tikatan.
ISA 30:24 Qotiyyo'oo fi harreen teessan ta lafa qottu, okeya sooddaan mi'eessanee fi marra gossanee horooro'oo fi akkafa'aan garagaggalchanee miidhassane hin nyaatan.
ISA 30:25 Guyyaa xelleephoon diinaa diigantee diinni sun dhumatu, gaara gugurda'aa fi kooba dhedheertuu mara irraa bisaan maddee hin yaa'a.
ISA 30:26 Yennaa Mootiin Waan Maraa cannana kolbaa ifii hidhu, madaa isaan madeesselle yennaa fayyisu, jiin akka adu'uu hin ifa; ifi adu'uulle ifa guyyaa torbaa dachaa torba hin te'a.
ISA 30:27 Kunoo, Mootiin Waan Maraa aarii akka ibiddaa bobeettuun, ta akka hurrantaa aaraatiin fagoo irraa hin dhufa; inni aari'iin dubbata; arrabi isaalle akka ibiddaa nama fixa.
ISA 30:28 Hafuurri isaa akka bisaan ori'ee guutee morma namaa gewuu ti; inni meemmee badi'iitiin, gosa biyya adda addaa hin meemmessa; bixaala karaa irraa isaan gorsu, afaan isaanii keessaa hin keya.
ISA 30:29 Isin guyyaa jila woyyittii jilifattanu galgala akkuma faarsitanu, hin faarsitan; kolbaan gara gaara Mootii Waan Maraa, gara rassaa Israa'elii, suusullee afuufaa gammadaa akkuma ol baatu, isinille hin gammaddan.
ISA 30:30 Mootiin Waan Maraa aarii bobeettuun, ibidda nama fixuun, bubbee bokkeya barada'aatiin, bubbee bokkeyaa mandiisu'uutii fi dhakaa bokkeyaatiin qoonqoo ifii ta arnya qaddu namooti akka dhage'anu hin godha; irreen isaa yennaa dhuttu akka isaan dhagganu hin godha.
ISA 30:31 Yennaa Mootiin Waan Maraa ulee ifiitiin isaan dhowu, qoonqoon isaa worra Asoorii hin rifachiitti.
ISA 30:32 Mootiin Waan Maraa ulee adabbii ifiitiin yennaa isaan adabu mara, dibbe'ee fi kiraarri guddichi hin dhowaman; inni dhowicha harka ifiitiin isaan hin lola.
ISA 30:33 Addeen, «Toofet» jedhantu, ta wo itti gubanu, bara heddu'uun dura qophootteerti; mooticha worra Asooriitiifille qophootteerti; addeen ibiddaa sun qile'e; badhoolle'e; qoraan baca'aa fi ibiddi guddaan achi jira; hafuurri Mootiin Waan Maraa baafatu akka dhakaa bobe'uu, ibidda itti hin qassiisa.
ISA 31:1 Worra Gibxii irraa qarqaarsa dhaggatiisaaf gad bu'u, worra fardo'otti addatu, worra bacinna garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardo'oo jajjaboo ifiititti addatu, ammoo worra gara Woyyicha Israa'elii hin ilaallee fi worra qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin gaafanneef aanne'e!
ISA 31:2 Mootiin Waan Maraa qaro'o; inni badii isaanitti hin fida; waan jedhe irraa duubatti hin deebi'u; inni worra hantuu huju irratti, worra hantuu huju worra qarqaaru irralle'etti hin ka'a.
ISA 31:3 Worri Gibxi'ii namoota malee Waaqaa moti; fardoon isaaniille hori'ii malee Ayyaanaa moti. Yennaa Mootiin Waan Maraa harka ifii diriirsu, worri isaan qarqaaru hin gufata; worri qarqaaramulle hin jiga; lamaanuu wolumaan hin badan.
ISA 31:4 Mootiin Waan Maraa, anaan, «Neenqi yookiin neenqi dardarri waan qabate irratti yennaa dhangaa dhowu, iyya tissitoota isa ari'iisaaf wolitti qabamane akkuma hin sodaanne, hogaa isaaniitiif akkuma hin rifanne, akkasuma Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gaara Xiyooniitii fi kooba isi'ii irratti loliisaaf gad hin dhufa.
ISA 31:5 Akkuma sinbirreen koola ifii badhifattee mana ifii irratti gombooddu, akkasuma Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade Yerusaalemitti hin gombooba; isi'itti gomboobee hin baasa; gubbaa irra dabaree isii hin hambura.
ISA 31:6 «Ee kolbaa Israa'elii! Gara ana Mootii Waan Maraa ka finqiltanee deebi'a'a.
ISA 31:7 Guyyaa san waaqota dharaa keessan, ka meeti'ii fi worqii irraa harka keessan cubbichaan hujjane, isin marti hin gattan.
ISA 31:8 Achiin duuba worri Asoorii shallaaga'aan hin dhumatan; shallaagaan sun ka namaatii moti; shallaagaa namaa ka hin te'iniin isaan hin badan; shallaagaa san jalaa hin baqatan; dargaggooti isaanii hunnaan namaaf hin hujan.
ISA 31:9 Loltooti jajjabi isaanii sodaa guddo'oon hin jigan; ajajjooti loltoota isaanii, baandiraa yennaa dhaggane hin bararaqan» jedha, Mootiin Waan Maraa, ka ibiddi isaa Xiyoon keessa, addeen ibidda isaa Yerusaalem keessa jirtu.
ISA 32:1 Kunoo, mootiin balchumma'aan hin mowa; bulchitootille haqaan hin bulchan.
ISA 32:2 Tokko tokkoon isaanii akka addee qilleensa jabaa duraa itti dhokatanuu, akka dawoo bubbee bokkeyaa duraa itti baqatanuu, akka madda bisaanii ka goomolee keessaa, akka gaaddisa rassaa guddaa lafa dheebu'uu keessa jiruu hin te'an.
ISA 32:3 Achiin duuba ilti worra dhagguu hin dhaggiti; gurri worra dhage'uulle hin dhage'a.
ISA 32:4 Qalbiin worra jarjaruu beekkumsa hin hubatti; arrabi worra gikkisuu hiikamee qulleessee hin dubbata.
ISA 32:5 Haganaa achi nami gowwaan nama kabajamaa hin jedhamu yookiin nami yabaabulaan ulfinna hin dhaggatu.
ISA 32:6 Nami gowwaan gowwummaa dubbata; qalbiin isaa hammeenna yaadatti; inni waan hantuu hujaa, Mootii Waan Maraa arrassa; worra beelote agabuu lakkisa; worra dheebote bisaan dhooggata.
ISA 32:7 Malli nama yabaabula'aa hammeenna; nami hiyyeessi waan haqa te'e yoo dubbatelle, nami hamaan dubbii sobaatiin, worra hiyyeeyyii balleessiisaaf, mala hamaa dhowa.
ISA 32:8 Nami ulfinnaa ammoo karoora ulfinnaa baasa; hujii ulfinnaatiin jabaatee le'a.
ISA 32:9 Ee isin dubartoota qananumma'aan leetanu, ka'a'aatii, na caqasa'a. Isin ijoolleen durraa ta bidhaa tokko malee leetanu, waan ani jedhu dhage'a'a.
ISA 32:10 Isin dubartooti bidhaa tokko malee leetanu, muki woyni'ii midhaan waan hin buunneef, yennaan midhaan buusulle waan hin jirreef, woggaa tokkoon duuba naatanee hin hollattan.
ISA 32:11 Isin dubartooti qananumma'aan leetanu, holladha'a; isin dubartooti bidhaa tokko malee leetanu romma'a. Woyaa teessan baafadha'aatii, woyaa gaddaa hidha keessanitti hidhadha'a.
ISA 32:12 Fichaa laafa'aa fi fichaa woyni'ii ka midhaan buusuuf, qoma keessan dhowataa bowa'a.
ISA 32:13 Fichaa kolbaa tiyyaa ka qore'ee fi qumi'uuduu baaseef, manoota namooti keessatti gammadane maraaf, qachaa caaqaan guutame kanaaf bowa'a.
ISA 32:14 Manni mootumma'aa hin ona; qachaan hogaan keessa guutelle duwwaa hin te'a; koobii fi xelleephoon irra tee'anee eeganu haga bara baraa lafa duwwaa harreen diidaa keessa burraaxxuu fi horiin keessa dheedu hin teeti.
ISA 32:15 Tunille haga Waaqi ayyaana ifii gubbaa irraa nu irratti dhangalaasutti hin teeti. Achiin duuba goomoleen fichaa laafaa hin teeti; fichaan laafaan akka gongoma'aa hin te'a.
ISA 32:16 Haqi goomolee keessa, balchummaalle fichaa laafa keessa hin jiraatti.
ISA 32:17 Hujiin balchumma'aa nageya fiddi; bu'aan balchumma'aalle sarmiisaa fi bidhaa malee le'iisa.
ISA 32:18 Kolbaan tiyya addee nageyaa, mana bidhaan hin jirree fi addee itti sarmanu keessa hin leeti.
ISA 32:19 Gongomaan dhakaa bokkeyaatiin badulle, qachaan ijjumaa diigamulle,
ISA 32:20 isin qarqara bisaaniititti midhaan waan facaafattanuuf, loon keessanii fi harreelee teessan addee feetanetti waan bobbaafattanuuf hin gammaddan.
ISA 33:1 Ati ifii adoo hin badin ka nama dhibii balleessitu si'iif aanne'e! Ati adoo nami dabarsee si hin kennin, ka nama dabarsitee kennitu, si'iif aanne'e! Ati nama balleessiisa yennaa lakkittu hin badda; nama dabarsitee kenniisa yennaa lakkittu, nami dabarsee si hin kenna.
ISA 33:2 Ee Mootii Waan Maraa, nuuti addii si godhannaa, nuu marari. Ganama ganama jabeenna, yennaa rakko'oolle qarqaarsa nuuf te'i.
ISA 33:3 Mandiisuu qoonqoo teetii, kolbaan hin baqatti; yennaa ati ol kaatu, gosi biyya adda addaa hin bittinnootti.
ISA 33:4 Ee, gosa biyya adda addaa! Akkuma awwaannisi waan nyaatu irratti wolitti qabamu, namooti waan boojitane irratti wolitti hin qabaman; akkuma ilmooleen awwaannisaa waan nyaattu saamattu, namooti waan isin boojitane hin saamatan.
ISA 33:5 Mootiin Waan Maraa waan mara caala; inni addee ulfinnaa ol-aantuu le'a; inni qachaa Xiyoonii haqaa fi balchumma'aan hin guuta.
ISA 33:6 Inni kolbaa ifiitiif hundee fayyinnaa, qarumma'aatii fi beekkumsaa hin te'a; Mootii Waan Maraa sodaatiisille karra karra mara caalte.
ISA 33:7 Kunoo, goototi isaanii karaa irratti qarqaarsa dhaggatiisaaf hin iyyan; worri ergantooti nageyaa wiiccifatanee hin bowan.
ISA 33:8 Karaan guddaan urmeera; nami karaa irra ideemulle hin jiru; wolii galteen diiganteerti; gorsitooti tuffatamaneeran; nami ulfinna namaaf kennu hin jiru.
ISA 33:9 Latti goddee, duwwaa teeteerti; gongomaan Libaanonii qaanowee, qooreera; dhooqi Shaaronii akka goomole'ee teete; mukooti Baashaaniitii fi gaara Qarmelosii baala buufate.
ISA 33:10 Mootiin Waan Maraa, «Ani amma hin ka'a; ani amma ulfinna hin dhaggadha; ani amma ol hin aana.
ISA 33:11 Wonni isin yaaddanu akka huuraa ti; wonni isin keessaa bayulle akka hicaace'ee ti; hafuurri keessan akka ibidda isin fixuu ti.
ISA 33:12 Kolbaan akka dhakaa boore'ee hin gubatti; akka haxanxarii qore'ee ta cirantee ibiddatti hin naqanti.
ISA 33:13 Isin worri fagoo jirtanu, waan ani godhe dhage'a'a! Isin worri dhikoo jirtanulle hunna tiyya beeka'a!» jedha.
ISA 33:14 Cubbaaleyyiin Xiyoon keessa jiranu sodaatane; worri Waaqa malee le'u soda'aan rommanee, «Nu keessaa eentu ibidda nama fixu woliin le'uu dande'a? Nu keessaa eentu ibidda hin dhaanne woliin le'uu dande'a?» jedhan.
ISA 33:15 Nama balchumma'aan ideemu, nama waan sirrii te'e dubbatu, nama bu'aa karaa dabaatiin dhuttu jibbu, nama safuu fudhatiisa irraa harka ifii eegatu, nama mala nama ijjeesiisaa hin dhageenne, nama ilti isaa waan hantuu hin ilaalle,
ISA 33:16 nami akkasii kun addee ol aantuu le'a; kusheen rassa'aa addee inni itti baqatu hin teeti; sagaleen isaaf hin kennanti; bisaan unanulle hin dhabu.
ISA 33:17 Ilti teeti ulfinna mootichaa, lafa akka malee badho'oo ta inni bulchulle hin dhaggiti.
ISA 33:18 Sodaa guddoo teeti ta durii qaabataa, «Ajajaan loltootaa eessa jira? Ka gibira guuru eessa jira? Itti gaafatamaan xelleephoo eeddotaa eessa jira?» hin jetta.
ISA 33:19 Ati haganaa achi kolbaa nama tuffattu, ta dubbiin isaanii hin beekkannee fi ta afaan isaanii namaaf hin galle san hin dhaggitu.
ISA 33:20 Qachaa jila itti jilifannu, gara Xiyoonii ilaali. Ilti teetii qachaa Yerusaalemii ka nageyaan keessa leetanu, dunkaanii achii hin tachoone, ka togaan isi'ii ijjumaa hin buqqaane, ta wodaroon isi'ii keessaa takkaalle hin cinne hin dhaggiti.
ISA 33:21 Mootiin Waan Maraa achitti arnya nu'uuf hin te'a; inni akka lagoota babadha'aatii fi akka madda gugurda'aa ka hobolooti diinaa achi irra hin dabarree fi ka hobolooti gugurdoolle achi irra hin ideenne nu'uuf hin te'a.
ISA 33:22 Mootiin Waan Maraa abbaa mura'aa keenna; Mootiin Waan Maraa seera nu'uuf kenna; Mootiin Waan Maraa mootii keenna; ka nu fayyiselle isa.
ISA 33:23 Kolbaan teessan akka hoboloo wodaroon irraa lufee, ka utubaan isi'ii jabaatee hin dhaabbatinii, ka sharaan isi'iille hin dhifaminii ti. Achiin duuba boojuun bacaan hin qoqoodanti; naafille waan booji'ame san hin saama.
ISA 33:24 Worra Xiyoon keessa le'u, yakkaa isaaniitiif araarri waan kennamuuf, isaan keessaa nami tokkolle, «Ani dhibame» hin jedhu.
ISA 34:1 Ee isin gosa biyya adda addaa, as dhikaadha'aatii caqasa'a. Ee kolba'a hubadha'a. Lattii fi wonni isii irra jiru marti, biyyi lafaatii fi wonni isii keessatti dhaggamu marti dhage'anuu ti.
ISA 34:2 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa irratti aareera; inni loltoota isaanii mara irratti guddoo aareera; ijjumaa isaan hin balleessa; worra isaan ijjeesulle'etti dabarsee isaan hin kenna.
ISA 34:3 Worri ijjeefame alatti gatamee, reeffi isaanii hin ajowa; gaarotille dhiiga isaaniitiin hin maxanqowa.
ISA 34:4 Urjooti ol-gubba'aa marti hin baxxi; gubbaan akka kitaaba marama'aa hin maranti; urjooti marti akka baala muka woyni'iitii fi akka baala muka harru'uu, qooranee hin harca'an.
ISA 34:5 Shallaagaan Mootiin Waan Maraa ol-gubba'atti waan fedhe godhee, kolbaa inni ijjumaa balleesse, worra Edoomiititti muriisaaf gad hin bu'a.
ISA 34:6 Shallaagaan Mootii Waan Maraa dhiigaa fi coomaan dhuubameera; dhiiga buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi re'e'eetiin, cooma kalattii korbeeyyii hoole'eetiin laaqameera; Mootiin Waan Maraa qachaa Bozra'aa keessatti ciincaa, lafa Edoomii keessalle'etti qalma guddaa hin qopheessa.
ISA 34:7 Kolbaan Edoomii akka gafarsaa, akka dardarootaatii fi akka korommi'ii achitti hin qalaman; latti isaanii dhiigaan hin laaqanti; biyyeelle cooma isaaniitiin hin laambubanti.
ISA 34:8 Mootiin Waan Maraa marroo Xiyooniitiif bara itti falmatuu fi guyyaa itti haluu bayu qaba.
ISA 34:9 Maddi Edoomii leyyaa, biyyeen dhakaa bobe'u, latti leyyaa gubu hin te'an.
ISA 34:10 Ibiddi achi keessaa halkanii fi guyyaa hin dhaamu; aarrille haga bara baraa ol hin ka'a. Latti sun dhalootaa haga dhalootaatitti hin onti; nami tokkolle deebi'ee haga bara baraa achi keessa hin dabaru.
ISA 34:11 Cululle'ee fi dhaddoon lafa san hin qabatan; urungu'uu fi harraaqessi mana achitti hin ijaaratan; Waaqi lafa san wonni tokkolle akka irratti hin hanne godhee hin onsa.
ISA 34:12 Nami waamanee mootii godhanu, qondaaltota isaanii keessa hin jiru; sooreyyiin isaanii marti ijjumaa hin badan.
ISA 34:13 Mana mootummaa isaaniititti qoreen hin latti; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfametti doobbi'ii fi qumi'uuduun hin latti; addee jeedalli fi urunguun itti galanu hin te'a.
ISA 34:14 Bineensoti goomole'eetii fi woraabessi achitti wolitti hin qabaman; durriisoti halkaniille achi wol waaman; addee fooraalle achitti hin dhaggatan.
ISA 34:15 Urunguun achitti mana ijaarattee, quuphaa buuttee, cuucuu dhoofattee, itti hin kabbiti; allaatiin dhaltu'uu fi kormi achitti wolitti hin qabaman.
ISA 34:16 Kitaaba Mootii Waan Maraa keessa barbaada'aatii dubbisa'a. Waan kana keessaa ka hafu tokkolle hin jiru; achi keessaa dhala'aa fi korma ka dhabu hin jiru. Mootiin Waan Maraa afaan ifiitiin tana waan ajajeef, ayyaanni isaa wolitti isaan qaba.
ISA 34:17 Inni isaaniif hixaa buuseera; harka ifiitiin safaree lafa isaaniif qoodeera; isaan haga bara baraa lafa san hin dhaalan; isaan dhalootaa haga dhalootaatitti achi hin le'an.
ISA 35:1 Goomole'ee fi latti godduun hin gammaddi; gammoojjiin firinxiixxee, akka daraara'aa hin daraarti.
ISA 35:2 Goomoleen daraaraa hedduu daraartee, guddoo firinxiixxee, hin ilillitti; ulfinni gaara Libaanonii, arnyi gaara Qarmelosiitii fi dhooqa Shaaronii isi'iif hin kennama. Nami marti ulfinna Mootii Waan Maraatii fi arnya Waaqa keennaa hin dhagga.
ISA 35:3 Harka dadhabe jabeessa'a; jilba lelleqelle jabeessa'a.
ISA 35:4 Worra gadhaan isaanii soda'aan qabameen, «Jabaadha'a; hin sodaatina'a! Kunoo, Waaqi keessan diinota keessan haluu bayiisaaf, yakkaa isaan isin irratti hujaneef gatii isaan kaffalchiisiisaaf, isin ammoo fayyisiisaaf hin dhufa» jedha'a.
ISA 35:5 Achiin duuba ilti worra balla'aa hin bananti; gurri worra duuda'aalle hin dhage'a.
ISA 35:6 Naafi akka gadansaa hin utaala; worri afaan duuda'aa, hin ilillisa. Gammoojjii keessaa bisaan, goomolee keessaa maddi hin burqa;
ISA 35:7 maansi akka ibiddaa gubu baleessa hin te'a; lafa godduu keessaa bisaan hin burqa. Addeen jeedalti keessa leetu marra, shonbooqqo'oo fi allaaduu hin baatti.
ISA 35:8 Achi keessa karaan guddaan hin baya; maqaan isaalle, «Karaa Woyyicha» hin jedhama. Karaa san irra kolbaa Waaqaa qofattuu deema malee, worri battiin irra hin deemu; worri gowwooleelle irra hin deemu.
ISA 35:9 Neenqi achi hin jiraatu; bineensi hamaan achi irra hin ideemu. Worra wodame qofattuu achi irra ideema.
ISA 35:10 Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an; faarfataa gara Xiyoonii hin galan. Kallacha gammada bara baraa mata'atti hin keyatan; isaan gammadaa fi qananummaa hin dhaggatan; gaddaa fi aadiis isaan irraa hin fagaata.
ISA 36:1 Hisqiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib, qachaa Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate.
ISA 36:2 Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib ajajaa loltoota ifii Rabshaaqee, loltoota hedduu woliin Laakiishi irraa addee mootichi Hisqiyaas jiru gara Yerusaalemii erge. Ajajaan loltootaa sun dhufee, anguree baleessa gatiitti'ii ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbate.
ISA 36:3 Achitti itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsi'ii ilmi Asaafii Yo'aan, gara isaa gad bayane.
ISA 36:4 Ajajaan loltootaa Rabshaaqeen Hisqiyaasitti isaan ergee, «Mootiin Asoorii guddichi, ‹Ati maan addattee bidhaa male teetta?
ISA 36:5 Ati afaan callaan mala lolaatii fi hunna loltootootaa si'iif te'a seetaa? Ati eennu addattee na irratti kaate?
ISA 36:6 Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma› jedha.
ISA 36:7 «Ati, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jette, inni Mootuma Waan Maraa ka ati, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› jettee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa balleessitee motii?
ISA 36:8 Amma koyiitii goottaa kiyya mootii Asoorii woliin wol morki; namoota farda irra tee'anee loluu dande'anu abbootii fardaa yoo qabaatte, ani fardoo kuma lama si'iif hin kenna.
ISA 36:9 Ati garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ka worra Gibxi'iititti addattulle, tajaajiltoota goottaa kiyyaa keessaa ka guddoo diqqa'aatuu ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu.
ISA 36:10 Ani biyya tana fedha Mootii Waan Maraatiin ala lolee balleessiisaaf dhufe seetaa? Mootii Waan Maraatittuu, ‹Biyya tanatti duuliitii balleessi› anaan jedhe» jedhe.
ISA 36:11 Achiin duuba Eliyaaqim, Shebnaa fi Yo'aan, ajajaa loltootaatiin, «Kolbaan dalleya dhaka'aa irra jirtu hin dhageettii, afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin; nuuti waan beennuuf, afaan worra Sooriya'aatiin nu tajaajiltoota teetitti dubbadhu» jedhane.
ISA 36:12 Inni deebisee, «Goottaan kiyya dubbii tana goottaa keessanii fi isin qofatti akka dubbadhuuf na erge isinitti fakkaataa? Namoota dalleya dhaka'aa irra jiranu worra akkuma keessan udaan ifii nyaatu'uuf jiruu fi fincaan ifii unu'uuf jiruuf akka dubbadhuuf na ergee motii ree?» jedhe.
ISA 36:13 Achiin duuba ajajaan loltootaa sun dhaabbatee, qoonqoo ol qabatee afaan Ibrootaatiin, «Dubbii mootii guddaa Asoorii dhage'a'a!
ISA 36:14 Mootichi, ‹Hisqiyaas isin baasuu waan hin dandeenneef, inni isin hin sobin› jedha.
ISA 36:15 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa dhugumaan nu hin baasa; qachaan kunille harka mootii Asooriititti dabarfamee hin kennamu› jedhee Mootii Waan Maraatitti akka addattanu isin hin godhin.
ISA 36:16 Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii, ‹Na woliin araarama'a; gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaanii teessan keessaa bisaan hin untan.
ISA 36:17 Tun haga ani dhufee lafa akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii isin geessutti teeti› jedha.
ISA 36:18 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa nu hin baasa› jedhiisaan, yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a! Waaqota gosa biyya adda addaa keessaa, lafa ifii harka mooticha Asoorii jalaa ka baase jiraa ree?
ISA 36:19 Waaqoti Haama'aatii fi Arphaadii eessa jiran ree? Waaqoti Sefarwaayimiille eessa jiran ree? Isaan qachaa Samaariya'aa harka kiyyaa baasaneeranii ree?
ISA 36:20 Waaqota biyyoota tanaa mara keessaa lafa ifii harka kiyyaa ka baasuu dande'e kam ree? Mootiin Waan Maraa attam Yerusaalem harka kiyyaa baasuu dande'a ree?» jedhe.
ISA 36:21 Mootichi Hisqiyaas, «Deebii isaaf hin kennina'a» jedhee waan isaan ajajeeruuf, kolbaan cadhitte; waan tokkolle hin deebinne.
ISA 36:22 Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsii mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan, gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane.
ISA 37:1 Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddeelle uffatee gara Galma Mootii Waan Maraa seene.
ISA 37:2 Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worra jaarsole'etti woyaa gaddaa uffisee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii isaan erge.
ISA 37:3 Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti.
ISA 37:4 Dubbii ajajaa loltootaa Rabshaaqeenii ta goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana dhage'ee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isa hin adaba fa te'aa, worra hafeef daadimadhu› jedha» jedhane.
ISA 37:5 Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane,
ISA 37:6 inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, goottaa keessaniin, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin.
ISA 37:7 Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee gara biyya ifii deebi'u isa godhu isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii itti hima'a» jedhe.
ISA 37:8 Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge.
ISA 37:9 Mootiin Itoophiya'aa Tiirhaaqaan akka isa loliisaaf dhufaaru Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasitti namoota ergee,
ISA 37:10 «Ee Mootii Yihuda'aa Hisqiyaas! Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin.
ISA 37:11 Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa?
ISA 37:12 Kolbaa qachaa Gozaanii, kolbaa qachaa Kaaraaniitii fi kolbaa qachaa Rezeefii, akkasuma kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu ta abbootiin tiyya ta durii balleessite, Waaqoti gosa biyya adda addaa isaan baasaneeranii ree?
ISA 37:13 Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe.
ISA 37:14 Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirsee,
ISA 37:15 isa daadimatee,
ISA 37:16 «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduun gubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; ati lafaa fi ol-gubbaa daddeerta.
ISA 37:17 Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i.
ISA 37:18 Ee Mootiin Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii mara dhugumaan balleessaneeran;
ISA 37:19 waaqota isaaniille ka dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane gubanee balleessaneeran.
ISA 37:20 Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna! Mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe.
ISA 37:21 Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif daadimatte dhage'eera› jedha.
ISA 37:22 Mootii Waan Maraa marroo isaatiif, ‹Ee Senaaheriib, kolbaan Yerusaalemii si tuffattee sitti murgiti; si'ii dheettuun kolbaan Yerusaalemii si duubaan sitti kolliti.
ISA 37:23 Ka ati arrassitee fi ka ati faanshessite eennu? Ati eennu irratti barooddee ila teeti baache? Ana woyyicha Israa'elii irratti motii?› jedha
ISA 37:24 Ati karaa ergantoota teetiitiin, Mootii Waan Maraa irratti murgitee, ‹Ani garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu heddu'uun gara qaccee gaarotaatitti, qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera; qaccee gaarota sanii irraa hindheensa dhedheera'aa fi birbirsa dadansaa jijjisseera; gara gongomaa ciggaa addee ol kaate irra jiru keessa seeneera.
ISA 37:25 Biyya ormaa keessatti boolla bisaanii qotee, bisaan achii uneera; faana miila kiyyaatiin lagoota Gibxi'ii mara gosseera› jette.
ISA 37:26 «Mootiin Waan Maraa, ‹Waan amma te'e kana akka ani qopheesse, bara heddu'uun dura karoora akka baase, qachoota dalleya dhaka'aa qabanu akka ati butuchitu, tuulaa kosi'iille akka ati isaan gootu, akka ani godhe ati hin dhageennee?
ISA 37:27 Kolbaan qachoota san keessa leetu hunna dhaddee, sodaattee qaanotteerti; akka biqiltuu diida keessaa yookiin akka marra lattu'uu, akka marra mana irratti latee, akka midhaan qilleensaan qooree te'aneeran.
ISA 37:28 «‹Ani ammoo ka'aa fi teessoo teeti, bayaa fi gala keeti, aari'iin na irratti ka'iisa keeti beekeera.
ISA 37:29 Ati aari'iin na irratti waan kaateef, kooriisa keetille waan dhage'eef, ani saganaa kiyya funnaan keetitti, bixaala kiyya afaan keetitti keyee, karuma dhutte si deebisa› jedha» jedhe.
ISA 37:30 Isaayaas ammalle mooticha Hisqiyaasiin, «Tun beessisa si'iif hin teeti: ‹Baranaa fi bara dhufu midhaan haaga'ee hin nyaatta; woggaa sadeesso'oo ammoo midhaan facaattee hin haammatta yookiin muka woyni'ii dhaabbattee midhaan isi'ii hin nyaatta.
ISA 37:31 «‹Sanyii Yihuda'aa keessaa worri miliqee hafe, akka mukaa hidda gad yaafatee midhaan hedduu hin buusa.
ISA 37:32 Worri Yerusaalem keessatti baraaree hafanee fi worri gaara Xiyoonii irratti lubbu'uun hafane hin dhufan; hinaaffaan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee tana hin gooti› jedhe.
ISA 37:33 «Tanaaf Mootiin Waan Maraa marroo mootii Asoorii, ‹Inni qachaa kana hin seenu yookiin daaya as itti hin darbatu; wontee qabattee itti hin dhikaattu yookiin kushee itti hin ijaarratu.
ISA 37:34 Inni karuma dhufe deebi'a malee, qachaa kana hin seenu. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
ISA 37:35 Ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega; hin hamburalle'e› jedheera» jedhe.
ISA 37:36 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa bayee, quttuma worra Asoorii keessatti, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane.
ISA 37:37 Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e.
ISA 37:38 Gaafa tokko inni galma seenee waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e.
ISA 38:1 Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.
ISA 38:2 Achiin duuba Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee,
ISA 38:3 «Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe.
ISA 38:4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Isaayaasii dhufee,
ISA 38:5 «Dhaqiitii Hisqiyaasiin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera; ani bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a.
ISA 38:6 Ani si'ii fi qachaa Yerusaalemii kana harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani qachaa kanalle hin eega› jedhi» jedheen.
ISA 38:7 Isaayaas deebisee, «Mootiin Waan Maraa waadaa si'iif gale kana akka muummessuuf, beessisi inni si'iif kennu kana:
ISA 38:8 Inni, ‹Kunoo, gaaddisa adu'uun yaabbannoo Ahaazii irratti gad gale kana, tarkaaffii kudhan gara duubaa akka deebi'u hin godha› jedheera» jedhe. Maarre gaaddis tarkaaffii kudhan gara duubaa deebi'e.
ISA 38:9 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dhibee ifii irraa fayyeen duuba, waan asii gad jiru barreesse:
ISA 38:10 Ani, «Wodhakkaa bara jiruu tiyyaatitti gara karra addee worri du'e jiruu dhaqaa ree? Barri kiyya ka hafelle na irraa saamamaa ree?
ISA 38:11 Ani deebi'ee lafa worra jiraata'aatitti Mootii Waan Maraa, biyya lafaa irralle'etti namoota hin dhaggu.
ISA 38:12 Akkuma dunkaaniin tissitootaa buqqaatu, barri jiruu tiyyaa na irraa hin fudhatama; akkuma worri woyaa dhowu woyaa maru, akkasuma jiruun tiyya hin maranti; akkuma nami woyaa dhowu waan woyaa dhowee itti maru irraa woyaa muru, jiruun tiyyalle, guyyaa tokko keessatti hin muranti.
ISA 38:13 Ani haga latti bariitutti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyya; inni ammoo akka neenqaa lafee tiyya mara caccassa; guyyaa tokko keessatti jiruu tiyya mura.
ISA 38:14 Ani akka sinbirree doogo'oo iyya; akka saphaliisaalle aada; ilti tiyya gara ol-gubba'aa ilaaliisaan dadhaddeerti. Ee Mootii Waan Maraa, ani rakkadheera, na qarqaar.
ISA 38:15 Eega inni natti dubbatee, tana godhe ani ammoo maan jedha ree? Jiruun tiyya waan natti hadhootteef bara jiruu tiyyaa mara gad ifi qabee tiradha.
ISA 38:16 Ee Mootii Waan Maraa, kolbaan jecha keetii fi waan ati gootuun leeti; ayyaanni kiyyalle tanaan jiruu dhaggata; ati na fayyittee, akka le'u na goote.
ISA 38:17 Dhugumaan wonni ani rakkadhee farreef, bu'aa tiyyaaf. Ati boolla badi'ii irraa na eedde; cubbuu tiyya mara naaf lakkitte.
ISA 38:18 Qileen si hin galateeffattu; duuti si hin leellifattu; worri du'e addatamummaa teetitti addii hin godhatu.
ISA 38:19 Akkuma ani si leellifadhu, worri jiru'uun jiru si leellifatan; addatamummaa teeti abbootiin ijoollee ifiititti hin himan.
ISA 38:20 «Mootiin Waan Maraa na hin fayyisa; tanaaf bara jiruu teennaa mara meya faaru'uutiin Galma Mootii Waan Maraa keessatti faarfanna» jedhe.
ISA 38:21 Isaayaas, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii, iita Hisqiyaasii irra keya'a; innille hin fayya» jedheeraayyu.
ISA 38:22 Hisqiyaasille, «Ani gara Galma Mootii Waan Maraa akka ol bayu beessisi maan?» jedhee gaafateeraayyu.
ISA 39:1 Yennaa san mootiin Baabilonii ilmi Baladaanii Merodaak-Baladaan, Hisqiyaas dhibamee akka fayye dhage'ee, xalaya'aa fi kennansa isaaf erge.
ISA 39:2 Hisqiyaas ergantoota san gammadaan fudhatee, karra mana karri mootumma'aa keessatti kuufame keessa jirtu mara meetii, worqii, uddowaa adda addaa, fiqiree gatii guddo'oo, mana meya woraanaa ka karra mana mootumma'aatii fi karra mootummaa isaa keessatti dhaggantu mara tokkolle adoo hin hamburin isaanitti mudhise.
ISA 39:3 Achiin duuba raagichi Isaayaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee, «Worri kun maan si'iin jedhane? Isaan eessaa dhufane?» jedhee gaafate; Hisqiyaas deebisee, «Isaan biyya fago'oo Baabilon irraa dhufane» jedhe.
ISA 39:4 Maarre Isaayaas, «Isaan mana mootumma'aa keeti keessatti maan dhaggane?» jedheen. Hisqiyaas deebisee, «Isaan waan mana mootumma'aa kiyya keessaa mara dhagganeeran; karra tiyya keessaa wonni ani isaanitti hin mudhisin tokkolle hin jiru» jedhe.
ISA 39:5 Achiin duuba Isaayaas mootichaan, «Jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee dhage'i!
ISA 39:6 Mootiin Waan Maraa, ‹Karri mana mootummaa teeti keessaatii fi karri abbootiin teeti ta durii haga adhaa wolitti qabatte marti gara biyya Baabilonii guyyaan fudhatamanu hin dhufa; wonni tokkolle si'iif hin hafu.
ISA 39:7 Ilmaan teeti ta uumattu keessaa gariin gara biyya Baabilonii hin fudhataman; mana mootummaa mootii Baabilonii keessatti guneessota te'anee hin tajaajilan› jedha» jedhe.
ISA 39:8 Achiin duuba Mootichi Hisqiyaas, «Haga ani jiru nageennii fi gabbiin hin te'a» jedhee waan yaadateef, Isaayaasiin «Jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dansa'a» jedhe.
ISA 40:1 Waaqi keessan, «Jajjabeessa'a; kolbaa tiyya jajjabeessa'a!
ISA 40:2 Gadhi-laafumma'aan Kolbaa Yerusaalemiititti dubbadha'aatii, itti lallaba'a; barri garbummaa isaanii dhumateera; gatii cubbuu ifii maraaf, harka Mootii Waan Maraa irraa adabbii dachaa lama fudhataneeran» jedha.
ISA 40:3 Qoonqoon nama goomolee keessaa lallabu tokkoo, «Goomolee keessatti karaa Mootii Waan Maraa qopheessa'a; Gammoojjii keessatti karaa guddaa Waaqa keennaaf qajeelcha.
ISA 40:4 Dhooqi martinuu hin guutti; koobii fi gaarri martinuu hin diriiran. Latti bu'aa bayiin hin qajeelti. Latti kattattaan wol hin qixxootti.
ISA 40:5 Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa hin mudhata; Mootiin Waan Maraa ifumaafuu waan dubbateef, nami marti tana hin dhagga» hin jedha.
ISA 40:6 Qoonqoon takka, «Iyyi» naan jette. Anille, «Maan jedhee iyya?» jedhee gaafadhe. Qoonqoon sun, «Nami marti akka marraa ti; ulfinni isaanii marti akka daraaraa diida keessaa ti.
ISA 40:7 Yennaa Mootiin Waan Maraa hafuura itti baafatu, marri hin qoora; daraaraalle hin harca'a; dhugumaan kolbaan akka marraa ti.
ISA 40:8 Marri hin qoora; daraaraalle hin harca'a; jechi Waaqa keennaa ammoo, haga bara baraa jabaatee le'a» jette.
ISA 40:9 Ee isin worri Xiyoonitti oduu gammadaa hintanu, gaara dheera'atti ol baya'a. Ee isin worri Yerusaalemitti oduu gammadaa hintanu, qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii iyya'a; qoonqoo teessan ol qabadha'a, hin sodaatina'a! Qachoota Yihuda'aatiin, «Waaqi keessan kunoo ti!» jedha'a.
ISA 40:10 Kunoo, Goottaan Mootiin Waan Maraa, hunnaan hin dhufa; irree ifiitille'een hin bulcha. Kunoo, gatiin inni kennu, harka isaa jirti; waan kaffalu ifi duraa qaba.
ISA 40:11 Inni akka tisse'ee, hoolee ifii hin tissa; inni akka ilmoolee hoole'ee harka ifiitiin wolitti qabaa, habbaarata; haadhotii ilmoole'ee malaan sooressa.
ISA 40:12 Bisaan ooboo harka ifiitiin ka safare, yookiin ol-gubbaa taakkuu ifiitiin ka mike eennu? Yookiin eentu biyyee kollonjo'otti naqee fixuu dande'a? Eentu gaarotaa fi koobota madaala irra keyuu dande'a?
ISA 40:13 Eentu qalbii Mootii Waan Maraa hubatee, isatti gorsee isa barsiisuu dande'e?
ISA 40:14 Beekkumsa dhaggatiisaaf, Mootiin Waan Maraa eennu gorsa gaafate? Karaa qajeelaa eentu isa barsiise? Eentu beekkumsa isa barsiise? Yookiin eentu daandii hubatiisaa isatti mudhise?
ISA 40:15 Gosi biyya adda addaatuu akka copha bisaanii ka sakkeelloo keessaa ti; isaan akka bukuu madaala irraa ti; kunoo, inni oddoolota akka bukuun kaatu hin kaasa.
ISA 40:16 Muki Libaanon keessaa ibidda addee ciinca'aatiif hin gewu; bineensoti achi keessaalle ciinca'aaf hin geyanu.
ISA 40:17 Gosi biyya adda addaa isa duratti womaa moti; isaan isa duratti waan tokkolle'etti hin laakkowamanu.
ISA 40:18 Waaqa eennuun wol fakkeessitan? Yookiin fakkii tamiin wol fakkeessitan?
ISA 40:19 Waaqa dharaa, nama hujii harkaa beekutti boca; nami worqii baqisiisu worqii itti gonfa; haachaba meeti'iille itti seesa.
ISA 40:20 Nami deegi kennansa akkasii kenniisaaf hin dandeenne, muka dafee hin hurroonne filata. Fakkii hin jinne dhaabbatiisaaf, ogeessa nama hujii harkaa beeku barbaadata.
ISA 40:21 Isin hin beennee ree? Isin hin dhageennee? Durii jalqabee isinitti hin himannee? Biyyi lafaa haga dadantee isin hin hubannee ree?
ISA 40:22 Inni biyya lafaatiin gubbaa barcumaa mootummaa ifii irraa tee'a; kolbaan biyya lafaa isa duratti akka korophiisaa ti; Inni ol-gubbaa akka golla'aa hin diriirsa; akka dunkaanii keessa le'anuulle hin dhaaba.
ISA 40:23 Inni qondaaltota akka womaa hin te'initti, bulchitoota biyya lafaalle akka hin jirree godha.
ISA 40:24 Isaan akka biqiltuu reefuu dhaabanteetii fi akka midhaan reefuu facaafamee, adoo hiddi isaanii hin qabatin, inni hafuura itti baafannaan goddeetii fi akka hicaacee hobonbolattiin haxoottee ti.
ISA 40:25 Waaqi Woyyichi, «Ana eennuun wol fakkeessitan? Ka na woliin wol qixxe'ee eennu?» jedha.
ISA 40:26 Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa ilaala'a; urjoota tana mara eentu dade? Inni akka loltootaa tokko tokkoon gad baasaa isaan laakkowaa, maqaa maqa'aan isaan mara waama; inni hunna guddo'oo fi jabeenna guddaa waan qabuuf isaan keessaa tokkolle hin badu.
ISA 40:27 Ee Yaaqoob, ee Israa'el, «Karaan kiyya Mootii Waan Maraa duraa dhokateera; Waaqi haajaa kiyya naaf hin ilaalle» jettee maaf gungunta?
ISA 40:28 Ati hin beennee? Ati hin dhageennee? Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti; biyya lafaa duudii ka dade isa; Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu; eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande'u.
ISA 40:29 Inni worra laafeef jabeenna hin kenna; worra dadhabeef hunna hin ede'a.
ISA 40:30 Ijoolleen hin dadhaddi; hin laattille'e; dargaggootille gufattee hin jiddi.
ISA 40:31 Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo, hunna ifii hin haareffatan. Isaan akka risa'aa koolaan hin ka'an; hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.
ISA 41:1 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri oddoola keessaa, na duratti cadhisa'a! Gosi biyya adda addaa jabeenna ifii haareffattee, gara kiyya dhikaattee dubbattuu ti; addee mura'aatitti wol dhagginuu ti.
ISA 41:2 «Balchumma'aan akka tajaajiluuf, karaa aduun baatu irraa kakkaasee ka isa waame eennu? Inni gosa biyya adda addaa dabarsee isatti kenne; moototi akka isaaf bitamanu godhe. Innille shallaagaa ifiitiin akka buku'uu isaan godhe; guubee ifiitille'een akka qilleensa hicaacee haxowuu isaan bittinneesse.
ISA 41:3 Inni isaan ari'aa, rakkoo malee dabare; karaa miilli isaa qara irra ideemee hin beenne deeme.
ISA 41:4 Tun akka teetu ka godhee fi ka muummesse, Jalqabumaayyuu dhalooti marti akka jiraatanu ka godhe eennu? Ani Mootiin Waan Maraa ka dhaloota duraatii fi dhaloota duubaa wolille'een jiru, ani isuma.
ISA 41:5 «Kolbaan oddoolota keessa leetu waan ani godhe kana dhaggitee sodaatte; worri qaccee biyya lafaa jirulle romme; isaan wolitti qabamanee gara kiyya dhufane.
ISA 41:6 Isaan marti wol hin qarqaaran; nami tokko nama kaaniin, ‹Jabaadhu!› hin jedha.
ISA 41:7 Nami hujii harkaa beeku nama worqii baqisiisu hin jajjabeessa; ka burrisaan wol qixxeessu, ka boraatii irratti sibiila tumu jajjabeessa. Inni hujiin sibiila wolitti qassiisiisaa tun, ‹Dansa'a› jedha; fakkiin sun akka hin jinneef misimaaraan dhowa.
ISA 41:8 «Ee Israa'el, tajaajilaa kiyya, Yaaqoobii ani filadhe, ati sanyii Abrahaamii jaala kiyyaa ti.
ISA 41:9 Ani qaccee biyya lafaatii si fide; biyya fago'oo irraa si waame; ani si'iin, ‹Ati tajaajilaa kiyya› jedhee, si filadhe malee, si hin ganne.
ISA 41:10 Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin! Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara; harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
ISA 41:11 «Kunoo, worri sitti aare martinuu hin fokkifata; hin qaanowalle'e. Worri si irratti ka'u akka hin jirre te'anee hin badan.
ISA 41:12 Ati diinota keeti yoo barbaaddelle, isaan hin dhaggitu; worri si lolu akka waan hin jirree hin te'an.
ISA 41:13 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti, ka harka keeti middicha qabee, ‹Hin sodaatin; ani si qarqaara› jedhu.
ISA 41:14 Mootiin Waan Maraa keeti ka si wodu, Woyyichi Israa'elii, ‹Ani waan si qarqaaruuf, ee Yaaqoobii dadhabaa akka corroqaa, Israa'elii kolbaa diqqoo tana, hin sodaatin› jedheera.
ISA 41:15 Kunoo, ani meya midhaan ittiin dhowanu, haareya qara qabuu fi ka ilkaan hedduu qabu si hin godha. Ati gaarota irra sirbitee hin butuchita; koobotalle akka hicaace'ee hin goota.
ISA 41:16 Ati isaan hin hafarsita; qilleensi isaan ol fudhata; bubbeelle isaan hin bittinneessiti. Ati ammoo Mootii Waan Maraatitti hin gammadda; Woyyicha Israa'eliitiin hin koorta.
ISA 41:17 Worri hiyyeeyyi'ii fi worri rakkataan, bisaan hin barbaadatan; ammoo hin dhaggatanu; arrabi isaanii dheebu'uun gogeera. Ani Mootiin Waan Maraa ammoo daadimata isaaniitiif deebii hin kenna; ani Waaqi Israa'elii isaan hin lakkisu.
ISA 41:18 Ani koobota godduu irraa lagi akka yaa'u; dhooqa keessaa maddi akka burqu hin godha. Goomolee gara baleessaa, lafa godduu gara maddaa hin deebisa.
ISA 41:19 Ani goomolee keessatti birbirsi, muki gololchaa, muki bisile'ee fi ejersi akka latanu hin godha. Gammoojjii keessalle'etti hindheensii fi muki hindheensa fakkaatu ka adda addaa akka woliin dhaabamanu hin godha.
ISA 41:20 «Maarre kolbaan marti waan kana dhaggitee hin beetti; harki Mootii Waan Maraa tana akka godhee fi Woyyichi Israa'elii tana akka dade nami marti qalbeeffatee hin hubata» jedhe.
ISA 41:21 Mootiin Waan Maraa, mootichi Israa'elii, «Haajaa keessan dhikeeffadha'a! Falmii teessanille himadha'a!
ISA 41:22 «Waan gara duraa te'uuf jiru akka nutti himanuuf, waaqota dharaa keessan as fida'a; nuuti akka qalbeeffannuuf, muummee isi'ii akka beennuuf, waan tanaan qara te'eeru yookiin waan gara duraa te'uuf jiru nutti hima'a.
ISA 41:23 Akka isin waaqota teetane akka beennuuf, me waan ammaa achi te'u nutti hima'a. Nuuti rifannee akka sodaannuuf, waan dansaa yookiin waan hantuu huja'a.
ISA 41:24 Isin womaayyuu moti; hujiin teessanille ijjumaa bu'aa hin qaddu; nami isin waaqonfatulle ka diqatame.
ISA 41:25 «Ani kaaba irraa nama tokko kakkaaseera; innille hin dhufa; gara aduun baatuun ka dhufu ka maqaa kiyya waammatu, Inni akkuma nami faara dhowu biyyee faaraa dhidhiitu, bulchitoota akka dhoqqe'ee hin dhidhiita.
ISA 41:26 Nuuti waan kana akka beennuuf, ka duraan dursee dubbate eennu? Nuuti, ‹Inni dhugaa jedhe› akka jennuufille, ka dur dubbateeru eennu? Eennulle hin dubbanne. Nami waan kana dubbate tokkolle hin jiru; jecha keessan ka dhage'e tokkolle hin jiru.
ISA 41:27 Duraan dursee Xiyooniin, ‹Ilaa, kunoo, isaan dhufiisatti jiran› jedhee ka hime ana; Yerusaalemille'eef ergamaa oduu gammadaa himu ka erge ana.
ISA 41:28 Ani gara waaqota dharaa yennaa ilaalu, isaan keessaa gorsa ka kennu hin jiru; yennaa ani isaan gaafadhulle ka deebii naaf kennu hin jiru.
ISA 41:29 Kunoo, waaqoti dharaa kun marti dhara; waan tokkolle godhuu hin dande'anu; fakkiin isaaniille qilleensa duwwa'a» jedha.
ISA 42:1 Mootiin Waan Maraa, «Tajaajilaan kiyya ka ani ol qabee fi ka ani filadhe, ka ani itti gammadu kana. Ani ayyaana kiyyaan isa hin guuta; inni gosa biyya adda addaatiif haqa hin fida.
ISA 42:2 Inni hin iyyu yookiin qoonqoo ifii ol hin qabatu; qoonqoo ifiille karaa irratti hin dhageessisu.
ISA 42:3 Inni shonbooqqoo dhodhootelle hin cassu; ifa dhaamiisa geyelle hin dhaanfu; inni addatamumma'aan haqa hin fida.
ISA 42:4 Inni haqa biyya lafaa irratti haga fidutti, hin dadhabu, addiille hin kutatu. Worri oddoola keessa le'u seera isaa addii godhatan» jedhe.
ISA 42:5 Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubbaa dadee diriirse, biyya lafaatii fi waan isii keessa jiru mara ka dade, lafa tana irratti namootaaf hafuura ka kenne, worra lafa irra le'u maraafille jiruu ka kenne,
ISA 42:6 «Ani Mootiin Waan Maraa balchumma'aan si waameera; ani harka si qabee, si eega; kolba'aaf gondooroo, gosa biyya adda addaatiif ifa akka teetu si godheera.
ISA 42:7 Ila worra balla'aa akka bantu, worra hidhame akka hiittu, worra dukkana mana hidha'aa keessa jirulle akka baattu si godha.
ISA 42:8 «Ani Mootii Waan Maraa ti; maqaan kiyya isuma kana; ani ulfinna kiyya waaqota dhibi'iif, leellisa kiyyalle waaqota dharaatiif hin kennu.
ISA 42:9 Kunoo, wonni dur dubbatante muummotteerti; ani waan haareya isinitti dubbadha; adoo isiin hin te'in isinitti beessisa» jedhe.
ISA 42:10 Isin worri abbaayaa irra ideentanu, isin dadi achi keessa leetanu marti, isin worri oddoola keessaa ka achi leetanu marti, faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a; haga qaccee lafaatille'etti isa leellifadha'a.
ISA 42:11 Goomole'ee fi qachooti achi keessa jiranu, qoonqoo ifii ol qabatanuu ti; worri Qedaar keessa le'u, isa leellisanuu ti; Worri qachaa Selaa keessa le'u gammadaan faarsuu ti; worri gaara gubba'aalle ilillisuu ti.
ISA 42:12 Isaan Mootii Waan Maraatiif ulfinna kennanuu ti; leellisa isaalle worra oddoola keessaatitti lallabanuu ti.
ISA 42:13 Mootiin Waan Maraa akka nama hunnaamessaa hin duula; akka nama gootaa hinaaffaan isaa isa keessaa hin kakkaati; inni qoonqoo guddo'oon geerarsa lolaa hin geerara; diinota ifiille hin injifata.
ISA 42:14 Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa hedduu cadhisee, sarmee, ifi qabadhe; amma ammoo akka dubartii ciniinsifattuu hin iyya, ittanaa, hin hargana.
ISA 42:15 Ani koobotaa fi gaarota hin onsa; waan isaan irratti late mara hin gossa. Laga oddoola hin godha; baleessalle hin gossa.
ISA 42:16 «Worra ballaa karaa isaan hin beenne irra, daandii dur isaan deemanee hin beenne irra, ani isaan hin sooressa; ani isaan duratti dukkana ifa hin godha; daandii kattattaalle wol hin qixxeessa. Ani tana isaaniif hin godha; isaan hin lakkisu.
ISA 42:17 Worri waaqota dharaatitti addattu, ka fakki'iin, ‹Isin waaqota keenna› jedhu, deebi'anee hin qaanowan.
ISA 42:18 «Isin worri duudaan dhage'a'a! Isin worri ballaan ilaala'aa, dhagga'a!
ISA 42:19 Tajaajilaa kiyya malee, ballaan eennu? Ergamaa ani erge malee, duudaan eennu? Ka akka nama ifi naaf kennee, yookiin ka akka tajaajilaa kiyyaa ballaan eennu?
ISA 42:20 Ee Israa'el, isin waan hedduu dhaggitaneertan; ammoo hin qalbeeffanne; gurri keessan bana'a; ammoo waan tokkolle hin dhageettanu» jedhe.
ISA 42:21 Mootiin Waan Maraa balchummaa ifiitiif jedhee, seera ifii gudda'aa fi ka ulfinna qabu godhiisa jaalate.
ISA 42:22 Kolbaan tun ammoo, saamantee booji'anteerti; isaan marti boolla keessatti qabamanee, manni hidha'aa isaanitti cufameera; isaan saamamaneeran; nami isaan baasu hin jiru; isaan booji'amaneeran; ka, «Isaan deebisa'a!» jedhu hin jiru.
ISA 42:23 Isin keessaa tana ka caqasu eennu? Waan dhufu'uu jirulle eentu dhage'ee, qalbeeffata?
ISA 42:24 Yaaqoob worra saamutti dabarsee ka kenne eennu? Israa'el worra booji'utti dabarsee ka kenne eennu? Mootii Waan Maraa ka nuuti fuula isaa duratti cubbuu hunye sanii motii ree? Nuuti karaa isaa hin hordonne; seera isaatiifille hin ajajanne.
ISA 42:25 Tanaaf inni aarii ifii ta bobeettuu fi woraana hamaa nutti fide. Inni bobe'a ibiddaatiin nu marse; nuuti ammoo hin hubanne; bobe'i ibiddaa nu gube; nuuti ammoo hin qalbeeffanne.
ISA 43:1 Amma ammoo, ee Yaaqoob, ka si dade, ee Israa'el, ka si huje, Mootiin Waan Maraa, «Ani waan si wodeef hin sodaatin; ani maqa'aan si waameera, ati kiyya.
ISA 43:2 Yennaa ati bisaan keessa dabartu ani si woliin hin jiraadha; yennaa ati laga gamatti buutu bisaan si hin fudhatu; ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu; bobeenni ibiddaalle si hin gubu.
ISA 43:3 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, Woyyichi Israa'elii fayyisaa keeti. Ani Gibxii wodoo teetiif, Itoophiya'aa fi Saabaa addee teeti hin kenna.
ISA 43:4 Ati na duratti gatii guddo'oo fi ulfinna waan qadduuf, ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa, addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.
ISA 43:5 Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin! Ani ijoollee teeti karaa aduun baatu irraa hin fida; karaa aduun seentulle'e isin wolitti hin qaba.
ISA 43:6 Ani biyya kaabaatiin, ‹Kolbaa tiyya fida'a!› Biyya kibbaatille'een, ‹Isaan hin dhooggina'a!› hin jedha; ilmaan tiyya biyya fago'oo irraa, ijoollee tiyya ta durraa qaccee biyya lafaatii fida'a.
ISA 43:7 Kolbaa maqaa kiyyaan waamante mara, ta ani ulfinna kiyyaaf dadadhe, ta ani bifa itti tolchee huje fida'a!» hin jedha.
ISA 43:8 Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya ila adoo qadduu ta hin dhaggine, gurra adoo qadduu ta hin dhageenne fida'a.
ISA 43:9 Gosi biyya adda addaa marti wolitti qabantuu ti; kolbaan marti wolitti dachaatuu ti. Isaan keessaa duraan dursee tana ka nutti hime, waan dur te'eeru ka nutti lasse eennu? Worri dhibiin dhage'ee, ‹Tun dhuga'a› akka jedhu, sirrii akka te'ane mirkaneessiisaaf, dhugaa baatota dhikeeffatanuu ti.
ISA 43:10 «Isin beettanee, akka natti dhugeeffattanu, tana ka godhe ana Waaqa dhuga'aa akka te'e akka hubattanu, isin kolbaan Israa'elii, dhugaa baatota tiyya; tajaajilaan ani filadhelle isinuma; Anaan qara waaqi dhibiin hin jiru; anaan duuballe hin jiraatu.
ISA 43:11 «Anumattuu Mootii Waan Maraa ti; ana malee fayyisaan dhibiin hin jiru.
ISA 43:12 Ani duraan dursee himeera; isin fayyiseera; isinitti dubbadheera; waaqoti ormaa odduu teessanitti tana hin goone. Ani Waaqa akka te'e isin dhugaa baatota tiyya.
ISA 43:13 Ani duruuyyuu Waaqa; gara duraalle ka jiraatu anuma. Eennulle harka kiyya keessaa bawuu hin dande'u; waan ani huju eentu jijjiiruu dande'a?» jedhe.
ISA 43:14 Mootiin Waan Maraa ka isin wode, Woyyichi Israa'elii, «Ani marroo teessaniif jedhee loltoota tiyya Baabilonitti hin erga; karra qachaa Baabilonii mara hin caccassa; geerarsa worra Baabiloniille bowatti hin jijjiira.
ISA 43:15 Ani Mootiin Waan Maraa Woyyichi keessan, ka Israa'el dade, mootii keessan» jedha.
ISA 43:16 Mootiin Waan Maraa abbaayaa keessatti karaa, bisaan jabaa keessatti daandii ka baase,
ISA 43:17 garreettota fardo'oon harkifamuu fi fardoo, loltootaa fi gootota deebi'anee akka hin kaane, achumatti akka hafanu, akka bobe'a dhaamuu ka dhaanfe,
ISA 43:18 «Waan durii dedha'a; waan dabare hin yaadina'a.
ISA 43:19 Kunoo, ani waan haareya hin godha; isiin ammuma hin teeti; isin hin hubatanuu? Ani goomolee keessatti karaa, lafa godduu keessalle'etti bisaan hin baasa.
ISA 43:20 Ani kolbaa tiyya ta filadhe obaasiisaaf, goomolee keessatti bisaan, lafa godduu keessalle'etti lagi akka yaa'u waan godhuuf, bineensoti, jeedalli fi guchiin ulfinna naaf hin kennan.
ISA 43:21 Kolbaan ani ifiif dadadhelle na hin leellifatti» jedha.
ISA 43:22 Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ati na hin waammanne; ee Israa'el, ati na tajaajiliisa dadhaddeerta.
ISA 43:23 Ciincaa naaf dhikeessiisaaf hoolee naaf hin finne; ciincaa teetille'een ulfinna naaf hin kennine. Kennansa midhaanii akka naaf dhikeessitu, ani ba'aa si'itti hin teene; hixaana akka naaf aarsituufille si hin dadhassiinne.
ISA 43:24 Beesee teetiin dakkara naaf hin binne; yookiin ciincaa coomaa teetille'een dharraa na hin baanne; ammoo cubbuu teetiin ba'aa natti teetee, yakkaa teetiin na dadhassiitte.
ISA 43:25 Ka ifumaaf jedhee, yakkaa teeti si irraa balleessu anuma; ani cubbuu teeti deebi'ee si irratti hin laakkowu.
ISA 43:26 «Waan si godhe himadhu me! Waan kana wol falmannuu ti; sirrii akka teete himi.
ISA 43:27 Abbaan keeti ka qaraa cubbuu hujeera; namooti si'iif dubbatanulle na finqilaneeran.
ISA 43:28 Tanaaf ani qondaaltota Galma keessaa hin salphisa; Yaaqoob ijjumaa balleessee, Israa'el hin qaanessa» jedha.
ISA 44:1 Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, Israa'elii ani filadhe, na dhage'i» jedha.
ISA 44:2 Ka si dade, gadaamessa haadha teetii keessatti ka si huje, ka si qarqaaru, Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, Yeshuuruunii ani filadhe, hin sodaatin.
ISA 44:3 «Ani lafa dheebisaa irratti bisaan baasee, lafa godduu irralle lagi akka lola'u hin godha; Ani sanyii teeti irratti Ayyaana kiyya, ijoollee ijoollee teeti irralle'etti eebba kiyya hin dhangalaasa.
ISA 44:4 Isaan akka marra bisilee diida keessaa akka muka irga lagaa yennaa mara hin bisilan.
ISA 44:5 «Kolbaan tokko tokkoon, yaatee dhuttee, nami tokko, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› hin jedha. Kuun, maqaa Yaaqoobiitiin ifi hin waama; ka dhibiin, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› jedhee, harka ifii irratti hin barreeffata; maqaa Israa'eliitiin ifi hin waama» jedha.
ISA 44:6 Mootiin Waan Maraa mootichi Israa'elii ka Israa'el wode, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ka duraatii fi ka duubaalle ana; ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.
ISA 44:7 Ka akka kiyyaa eennu? Yoo jiraate dubbatuu ti. Inni haga ani dur namoota dadeen jalqabee, waan te'e, waan dhufu'uu jirulle na duratti himuu ti.
ISA 44:8 Hin sodaatina'a; hin nayina'a! Ani tana isinitti hin hinnee ree? Durseelle isinitti hin beessinnee ree? Isin dhugaa baatota tiyya. Ana malee Waaqi dhibiin jiraa ree? Ana malee rassaan dhibiin hin jiru; ani eennulle hin beeku» jedha.
ISA 44:9 Worri waaqota dharaa hujanu marti womaayyuu moti; wonni isaan itti gammadanu sunille bu'aa hin qaddu. Worri isaaniif dhugaa bayu balla'a; beekkumsa hin qabanu; hin qaanowanille'e.
ISA 44:10 Eentu waaqa bocatee, waaqa dharaa ka isaaf wo hin baane baqisiifatee hujata ree?
ISA 44:11 Kunoo, worri isaan waaqonfatu marti hin qaanowa. Worri waaqota dharaa san huju namuma; isaan marti wolitti qabamanee, fuula kiyya dura dhaabbatanuu ti. Isaan nayanee, hin qaanowan.
ISA 44:12 Nami sibiila tumu, qarapha'aan qabee, kashila cile'ee keessa keyee, irree ifii jaddu'uun burrisaan tumee waaqa dharaa bifa itti godha. Inni yennaa waan kana huju hin beelowa, hin dheebota, hin dadhaba.
ISA 44:13 Nami muka bocu muka wodaro'oon mikee, fakkii namaa cile'een irratti kaasee, ura'aan qiriixa; fakkeenna namaatiin seesee hujee mana ifii keessa keyata.
ISA 44:14 Inni tana godhiisaaf muka hindheensaa hin mura; birbirsaa fi muka qilxa'aa filee, mukoota gongomaa keessaa woliin akka guddatanu hin lakkisa yookiin hindheensa dhaabee bokkeenni guddisa.
ISA 44:15 Muki sun qoraaniif te'a; gamisa muka sanii bobeessee hin qanqaammata; gamisa bobeessee, daabboo itti bilcheeffata; gamisa ammoo waaqa bocatee, hin waaqonfata; kaan waaqa dharaa bocee itti sagada.
ISA 44:16 Inni qoraan gamisa ibiddatti naqee, bobeessee sagalee itti bilcheeffata; foon itti woddatee, haga quufutti hin nyaata. Ibidda qanqaammatee, «Hashuu! Ibidda dhaggadhee, O'ifadhe!» hin jedha.
ISA 44:17 Muka hafe irraa, waaqota dharaa hujee itti hin sagada; hin waaqonfatalle'e; gara isaa daadimataa, «Ati waaqa kiyya, na fayyisi» jedha.
ISA 44:18 Namooti akkasii waan tokkolle hin beekanu; waan tokkolle hin hubatanu; akka isaan hin dhaggine, ilti isaanii qabanteerti; akka hin hubanne, qalbiin isaanii duuddeerti.
ISA 44:19 Marroo waan kanaa nami itti yaade hin jiru; nami tokkolle beekkumsaa fi hubantii qabaatee, «Ani gamisa muka sanii bobeessee, kashila isaa irratti daabboo bilcheeffadhee, foon itti woddadhee nyaadheera. Muka hafeen waan battii hujaa ree? Turqumaa sanitti sagadaa ree?» ka jedhu hin jiru.
ISA 44:20 Nami waan daadhaa te'utti addatu, nama qalbiin isaa dokonkortuun dokonkorsite; inni ifi fayyisuu hin dande'u; yookiin, «Wonni harka middicha kiyya irraa kun, waan dharaatii motii?» hin jedhu.
ISA 44:21 Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ee Israa'el, ati tajaajilaa kiyya waan teeteef, waan kana qaabadhu; ani si dadeera; ati tajaajilaa kiyya; ee Israa'el ani si hin dedhu.
ISA 44:22 Ani yakkaa teeti akka duumensaa, cubbuu teetille akka hurrii ganamaa haxowee balleesseera; ani waan si wodeef, gara kiyya deebi'i» jedha.
ISA 44:23 Ee ol-gubba'a, Mootiin Waan Maraa tana waan godheef, gammadaan faarsa'a; ee qilee lafaa, ilillisa'a. Gaaroti, badda'aa fi muki achi keessa jirtanu marti Mootiin Waan Maraa Yaaqoob wodee, Israa'el keessatti ulfinna ifii waan mudhiseef, faaruu dayyaasa'a.
ISA 44:24 Ka si wode, gadaamessa haadha teetii keessatti ka si huje, Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa, waan mara dadee, ol-gubbaa qofuma tiyya diriirsee, biyya lafaa tanalle badhise,
ISA 44:25 ka beessisa raagota dharaatii fi worra moru gatii dhassiisee, qarummaa qaroole'ee garagalchee, beekkumsa isaaniille gowwumma'atti ka deebisu,
ISA 44:26 waan tajaajiltooti tiyya dubbattee fi raaga ergantoota tiyyaalle ka muummessu, Yerusaalemille'een, ‹Kolbaan deebitee si keessa hin leeti›, qachoota Yihuda'aatille'een, ‹Deebitanee hin ijaaratan; bututa keessanille hin haaressa› ka jedhu,
ISA 44:27 abbaaya'aan, ‹Gogi; laga si keessaa hin gosa› ka jedhu,
ISA 44:28 Qiirosiin, ‹Inni tissee kolbaa tiyyaa ti; inni fedha kiyya mara hin muummessa› ka jedhu, Yerusaalemiin, ‹Deebitee ijaarantuu ti› ka jedhu, Galma Waaqaatille'een, ‹Hundeen isaa keyantuu ti› ka jedhu ana» jedha.
ISA 45:1 Mootiin Waan Maraa ka harka isaa middicha qabee, gosa biyya adda addaa akka inni harka ifii jala galfatuuf, mootota irraa meya woraanaa akka inni hiikuuf, karri qacha'aa akka isatti hin cufanneef, cufanaan isa duraa akka banamuuf, Qiirosii akka mootii te'u muudeen,
ISA 45:2 «Ani siin dura hin deema; gaarota dirree hin godha. Karra qacha'aa ta sageettuu irraa hujante hin caccassa; danqaraa sibiilaalle hin mura.
ISA 45:3 Ka maqaa keetiin si waame, ana Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka te'e akka ati beettuuf, ani qabeenna dukkana keessa jiruu fi durummaa addee dhossa'aatitti kuufante si'iif hin kenna.
ISA 45:4 Ati na beekuu dhaddulle, marroo tajaajilaa kiyyaa Yaaqoobii, Israa'elii filadheef jedhee, maqaa keetiin si waamee maqaa ulfinnaa si'iif kenneera.
ISA 45:5 Ani Mootii Waan Maraa ti; ana malee ka dhibiin hin jiru. Waaqi na qofa; ati na beekuu dhaddulle, ani si hin jabeessa.
ISA 45:6 Namooti karaa aduun baatuu haga karaa aduun seentuu Mootiin Waan Maraa na qofa akka te'e, ana malee ka dhibiin akka hin jirre akka beekanuuf, ani tana godhe.
ISA 45:7 Ani ifaa fi dukkana dade; ani nageya hin buusa; balaalle hin buusa; ani Mootiin Waan Maraa tana mara godha.
ISA 45:8 Ee ol-gubba'a, gubbaa irraa balchummaa gad roobi; duumensille balchummaa gad roobuu ti; latti banantee, fayyinni latuu ti; balchummaalle isa woliin guddattuu ti. Ani Mootiin Waan Maraa tana mara dade» jedha.
ISA 45:9 Nama ka isa Dade woliin moromuuf aanne'e! Inni akka faaraa harka nama faara dhowu keessa jiruu ti; faarri nama isa dhowuun, «Ati maan hujaarta?» hin jedhaa ree? Wonni inni dhowu sunille, «Ati harka hin qaddu» hin jedhaa ree?
ISA 45:10 Mucaa abbaa ifiitiin, «Ati maaf na uumatte?», Haadha ifiitille'een, «Ati maaf na deette?» jedhuuf aanne'e!
ISA 45:11 Mootiin Waan Maraa Woyyichi Israa'elii ka isii dade, «Marroo waan te'uu jiruu, marroo ijoollee tiyyaa na gaafattanii ree? Marroo hujii harka kiyyaalle na ajajjanii ree?
ISA 45:12 Lafa dadee, namootalle isii irratti ka dade ana; ol-gubbaa harka kiyyaan diriirsee, urjoota ol-gubba'aalle ka ajaje anuma.
ISA 45:13 Ani balchumma'aan Qiiros kaaseera; karaa isaa duudiille qajeelcheera. Inni qachaa kiyya deebisee hin ijaara; worra na duraa booji'ame gatii malee yookiin kaffaltii malee bilisa hin baasa» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
ISA 45:14 Mootiin Waan Maraa, «Karri worra Gibxi'ii, bu'aan daldala worra Itoophiya'aalle si'iif hin te'a; worri Saaba'aa dhedheeraan gara keeti dhufanee, keeti hin te'an; wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, si gula hin deeman; si duratti sagadaa, ‹Dhugumaan Waaqi si woliin jira; isa malee Waaqi dhibiin hin jiru› jedhaa si daadimatan» jedhe.
ISA 45:15 Ee Waaqa, fayyisaa Israa'elii, ati dhugumaan Waaqa ifi dhossitu.
ISA 45:16 Worri waaqota dharaa hujatu marti hin qaanowan; hin salphatan; isaan marti wolumatti hin salphatan.
ISA 45:17 Mootiin Waan Maraa ammoo, fayyinna bara baraatiin Israa'el hin fayyisa; ee Israa'el, ati haga bara baraa hin qaanottu; hin salphattulle'e.
ISA 45:18 Ka ol-gubbaa dade, inni Mootii Waan Maraa ti; Inni lafa bifa itti godhee, jabeessee yennaa dhaabe, akka irra le'anuuf malee, ona akka teetuuf hin danne. Inni, «Ani Mootii Waan Maraa ti; ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.
ISA 45:19 Ani lafa dukkanaa keessaa, dhossa'aan hin dubbanne. Ani sanyii Yaaqoobiitiin, ‹Akkasumaan na barbaada'a› hin jenne; ani Mootiin Waan Maraa dhugaa dubbadha; waan sirrii te'e lassa.
ISA 45:20 «Isin worri gosa biyya adda addaa keessaa badii irraa ka hattane, wolitti qabama'aatii kowa'a; as dhikaadha'a. Worri fakkii waaqota dharaa Ka muka irraa hujante, ba'atee ideemuu fi waaqa nama fayyisuu hin dandeenne daadimatu beekkumsa hin qabu.
ISA 45:21 Haajaa keessan dubbadha'aatii dhikeeffadha'a; wolitti qabama'aatii mari'adha'a. Bara dheera'aan dura eennutti tana hime? Duraan dursee eentu raage? Ana Mootii Waan Maraatii motii? Ana malee, Waaqi balcha'aa fi fayyisaan dhibiin hin jiru. Ana malee ka dhibiin hin jiru.
ISA 45:22 «Ana malee Waaqi dhibiin waan hin jirreef, isin worri qaccee biyya lafaa jirtanu marti, gara kiyya deebi'a'a'aatii fayya'a!
ISA 45:23 Nami marti na duratti hin jilbiiffata; arrabi martinuu anaan hin kakata; jechi balchumma'aan afaan kiyya keessaa baye, akka hin jijjiirane, ani maqaa kiyyaan kakadheera.
ISA 45:24 «Namooti marroo tiyya, ‹Balchumma'aa fi jabeenni Mootii Waan Maraa qofa biraa dhaggama› hin jedhan» jedhe. Worri na mormu marti gara kiyya dhufanee hin qaanowan.
ISA 45:25 Sanyiin Israa'elii marti ana Mootii Waan Maraatiin balchumma'aa fi ulfinna hin dhaggatan.
ISA 46:1 Waaqoti dharaa ka worra Baabilonii, Beelii fi Neboon hin salphatan; waaqoti dharaa ka isaanii sun geejjibatti fe'amaneeran; fakkiin isaan ba'atanee ideemanu sun ba'a'a; geejjiba itti fe'amane sanille hin dadhassiisan.
ISA 46:2 Isaan geejjiba san woliin hin gugguufan; ifi fayyisuu hin dande'anu; isaan hin booji'aman.
ISA 46:3 Mootiin Waan Maraa, «Ee sanyii Yaaqoobii, isin sanyii Israa'elii keessaa worri hattane na dhage'a'a! Gadaamessa haadha teessanii keessatti natti isin eege; dhaloota keessaniin jalqabee ka isin ba'ate ana.
ISA 46:4 Haga isin dulloontanee arrii baatanutti ka isin ba'atu ana; ani isin dadeera; isin hin ba'adha; isin hin qarqaara; isin hin fayyisa.
ISA 46:5 «Eennuun na fakkeessitan? Eennu woliin na wol qixxeessitan? Yookiin akka wol fakkaannuuf, eennu woliin na wol fakkeessitan?
ISA 46:6 Worri gariin worqii subba ifii keessaa baafatan; meetiille madaala irratti madaalan. Isaan nama worqii baqisiisu qaxaratanee, inni waaqa isaaniif huja; achiin duuba isaan waaqa san sagadanee waaqonfatan.
ISA 46:7 Isaan waaqa san ol fuudhanee, gurmuu ifii irratti ba'atanee, geessanee addee isaaf qophootte hin keyan. Inni achuma dhaabbata malee, addee san irraa hin tacho'u; yoo nami isatti iyyate, inni deebii hin kennu; yookiin rakkoo keessaa nama hin baasu.
ISA 46:8 «Isin finqiltooti tana qaabadha'a! Qalbii teessanille'etti qabadha'a.
ISA 46:9 Waan dur bara dheera'aan dura te'e qaabadha'a; ani Waaqa; ana malee Waaqi dhibiin hin jiru; ka akka kiyyaalle hin jiru.
ISA 46:10 Ani waan muummee irratti dhufu'uu jiru jalqaba irratti himeera; waan gara duraa te'uu jirulle duruu himeera; karoorri kiyya hin te'a; waan godhiisaaf barbaade hin godha.
ISA 46:11 Ani nama karoora kiyya muummessu karaa aduun baatuu irraa hin waama; inni akka risa'aa biyya fago'oo irraa hin dhufa. Ani waan dubbadhe hin godha; karoora kiyyalle hin muummessa.
ISA 46:12 «Isin worri gadhaa jabaattane, ka balchummaa irraa fagaattane na caqasa'a.
ISA 46:13 Ani balchummaa tiyya fidiisatti jira; isiille fagoo hin jirtu; fayyisiis kiyya hin turu; ani Xiyooniif fayyinna, Israa'eliif ulfinna hin kenna.
ISA 47:1 «Ee durrittii Baabilonii, gad bu'iitii bukuu irra tee'i. Ee durrittii Baabilonii, barcumaa mootummaa teetii irraa ka'iitii, lafa irra tee'i; ati haganaa achi, ‹Bosoqqee yookiin shaggittii› hin jedhantu.
ISA 47:2 Shaashii teeti ta hagooggatte ifi irraa fuudhiitii, daakuu fudhadhuutii midhaan daaki; woyaa teeti ifi irraa shooqadhuu sarbaa teeti mudhisaa, laga gamatti bu'i.
ISA 47:3 Qullaa jirtuun kolbaan si hin dhaggiti; nafi hilaa keeti hin mudhata; Ani haluu hin baya; nama tokkolle hin hamburu» jedhe.
ISA 47:4 Ka nu wodu Woyyicha Israa'elii, maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
ISA 47:5 Mootiin Waan Maraa Baabiloniin, «Ee intala Baabilonii, dhaqiitii, cadhisii dukkana keessa tee'i. Haganaa achi, ‹Giittii mootummoota› jedhantee hin waammantu.
ISA 47:6 Ani kolbaa tiyyatti aaree, akka batti'iititti isaan laakkowee harka keetitti dabarsee isaan kenne. Ati isaaniif hin mararre; ati worra dulloomettuu, waanjoo ulfaattuu itti feete.
ISA 47:7 Ati, ‹Ani haga bara baraa giittii hin te'a› jette malee, waan tolchite hin qaabanne; muummee waan saniille hin beenne.
ISA 47:8 «Ee ati ta qananummaa jaalattu! Ta bidhaa malee teettu, gadhaa keeti keessatti, ‹Ana malee nami dhibiin hin jiru; ani ijjumaa haadha hiyyeessaa hin te'u; yookiin ijoolleen tiyyalle na duraa hin duutu› ta jettu dhage'i!
ISA 47:9 Ati xano'oo fi falfala hedduu qabaatulle, duuti ijoolle'eetii fi haadha hiyyeessaa te'iis, wonni lamaan kun dedhuma guyyaa tokkotti sitti hin dhufan.
ISA 47:10 Ati hammeenna keetitti addattee, ‹Nami na dhaggu hin jiru› jette; Qarumma'aa fi beekkumsi keeti si dokonkorsee, gadhaa keeti keessatti, ‹Ani anuma; ana malee nami dhibiin hin jiru› jette.
ISA 47:11 Wonni hantuun ati xano'oon ifi irraa fageessiisa hin dandeenne sitti hin dhutti; balaan ati ifi irraa dhooggatiisa hin dandeenne sitti hin dhufa; badiin ati hin beennelle dedhuma sitti hin dhutti.
ISA 47:12 «Xano'oo fi falfala keeti ka ijoollummaa teetiin jalqadde, itti fufi. Akka wotoo si'iif hin milkootti yookiin diinota keeti sodaachisiisaaf si hin qarqaaran fa'a.
ISA 47:13 Gorsa bacaa dhage'iis si dadhassiiseera; worri gubbaa qorqoru, ka ji'uma ji'aan urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara duraa dhufee waan sitti dhufu jalaa si baasuu ti.
ISA 47:14 Kunoo, isaan akka huuraa ti; ibiddi isaan hin nyaata. Isaan hunna bobe'a ibiddaa san jalaa ifi baasuu hin dande'anu; kashilli nami o'ifatu hin hafu yookiin ibiddi bira tee'anee o'ifatanulle hin jiraatu.
ISA 47:15 Daldaltooti teeti ta ati ijoollummaa teeti irraa jalqaddee, woliin elootte akkasuma. Tokko tokkoon isaanii dokonkora ifiitiin deeman; nami si baasu tokkolle hin jiru» jedha.
ISA 48:1 Ee ijoollee Yaaqoobii, ta, «Israa'el» jedhantanu, worri sanyii Yihuda'aa keessaa dhalattane, isin worri maqaa Mootii Waan Maraatiin kakattanu, dhuga'aa fi balchumma'aan adoo hin te'in, Waaqa Israa'elii ka waammattanu, tana dhage'a'a.
ISA 48:2 Isin, «Nuuti worra qachaa woyyicha keessa le'u; worra Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii Ka Waan Mara Dadetti addatu» ifiin jettanu.
ISA 48:3 Mootiin Waan Maraa, «Waan dur bara dheera'aan dura te'e ani dursee himeera; afaan kiyyalle'een dubbadhee, akka wonni sun beekkantu godheera; ani dedhuma isin irratti hujee, wonni sun muummotte.
ISA 48:4 Isin worra mataa-jabaatu akka teetane ani beekeera; morgey morma keessanii akka sibiilaa, addi fuula keessaniille akka sageettu'uu ti.
ISA 48:5 Tanaaf, isin, ‹Waaqota dharaa keennatti tana huje; fakkii teenna ta muka irraa bocantee fi waaqa keenna ka sibiilaatitti tana ajaje› akka hin jinneef, ani dursee isinitti himeera.
ISA 48:6 Isin tana dhageettaneertan; isaan mara ilaala'a; wonni ani jedhe dhugaa akka teete, isin dhugaa hin baatanuu ree? Ammaan jalqabee waan haareya, waan dhossa'aa ka isin hin beenne ani isinitti hin hima.
ISA 48:7 Wonni kun amma dadamane malee, bara dheera'aan duraa moti; tanaan qara marroo waan kanaa dhageettanee hin beettanu. Maarre isin, ‹Nuuti marroo waan kanaa duruu beenna› jedhuu hin dandeettanu.
ISA 48:8 Isin dur tana hin dhageenne; hin beennelle'e; duruuyyuu gurri keessan hin bananne. Ani akka isin sobaaleyyii teetane, haga dhalataneen jalqaddanee finqiltoota akka teetane beekeera.
ISA 48:9 «Ani maqaa kiyyaaf jedhee, dafee hin aaru; kolbaan akka na leellifattuuf jedhee, isin balleessiisa irraa hin ossadha.
ISA 48:10 Kunoo, akka meetii ibiddaan qulqulleessanu adoo hin te'in, rakkoo akka ibiddaatiin haga isin ilaaleera.
ISA 48:11 Ani ifumaaf, ifii tiyyaaf jedhee, tana hin godha; ani attam salphinnaaf ifi dabarsee kenna ree? Ulfinna kiyya eennulle'eef hin kennu.
ISA 48:12 Ee Yaaqoob, Israa'elii ani waammadhe, na caqasa'a! Ani Waaqa; ka duraatii fi ka duubaalle ana.
ISA 48:13 Harka kiyyaan hundee lafaa hundeesse; harki kiyya middichi ol-gubbaa diriirse; yennaa ani isaan waamu isaan marti adduma tokko ol ka'an.
ISA 48:14 «Isin marti wolitti qabama'aatii, na caqasa'a! Ka ani Mootiin Waan Maraa filadhe, karoora ani Baabilon irratti baase akka muummessu'uuf jiru, akki ani irree tiyya Baabilon irratti akka ani ol fudhatu'uu jiru, waaqota dharaa keessaa dursee ka hime eennu?
ISA 48:15 Anattuu dubbate; anattuu isa waame; ani isa hin fida; hujiin isaalle hin teetiif.
ISA 48:16 «Gara kiyya kowa'aatii, tana caqasa'a! Ani jalqabaanuu jalqabee dhossa'aan hin dubbanne; wonni ani dubbadhe yennaa muummottulle ani achuma jiraayyu» jedha. Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa Ayyaana ifiitiin na ergeera.
ISA 48:17 Mootiin Waan Maraa ka isin wodu, Woyyichi Israa'elii, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan, ka waan dansaa akka gootanu isin barsiisu, karaa isin deentanu ka isin sooressu.
ISA 48:18 «Isin ajaja kiyya adoo eegattanee jiraattane, silaa nageenni keessan akka laga guutee yaa'uu, balchummaan teessanille akka danbalii abbaaya'aa hin teetiiyyu.
ISA 48:19 Sanyiin teessan akka maansaa, ijoolleen teessanille akka buku'uu hin bacattiiyyu. Maqaan isaanii fuula kiyya duraa ijjumaa hin haxowamu, yookiin hin badu.
ISA 48:20 «Biyya Baabilonii keessaa baya'a; worra Baabilonii jalaa baqadha'a! ‹Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Yaaqoob wodeera› jedha'aatii hima'a! Ilillisaa odeessaa, haga qaccee lafaa lassa'a.
ISA 48:21 Yennaa ani goomolee keessa isaan sooresse, isaan hin dheebonne; ani rassaa keessaa bisaan isaaniif baase; rassaa dhoosee bisaan achi keessaa dhuqatee baye.
ISA 48:22 «Worra hamaaleyyi'iif nageenni hin jiru» jedha.
ISA 49:1 Isin worri oddoola keessaa na caqasa'a! Isin gosi biyya adda addaa ka fagoo jirtanu tana dhage'a'a! Gadhaa haadha tiyyaa keessa adoo jiruu Mootiin Waan Maraa na waame; adoo ani hin dhalatin maqaa na baase.
ISA 49:2 Inni dubbii afaan kiyyaa akka shallaagaa qaramee godhe; gaaddisa harka ifii jalatti na golle; daaya qarame na godhe; gonofaa daaya ifii keessalle'etti na dhosse.
ISA 49:3 Inni anaan, «Ee Israa'el, ati tajaajila kiyya; ani si'iin ulfinna kiyya hin mudhisa» jedhe.
ISA 49:4 Ani ammoo, «Toluma elowe; hunna tiyyalle waan bu'aa hin qanne irratti fixadhe; te'uu malee bu'aa hujii tiyyaa Mootii Waan Maraatitti naaf murteessa; gatiin hujii tiyyaa harka Waaqaa keessa jirti» jedhe.
ISA 49:5 Ani tajaajilaa isaa akka te'uuf, Yaaqoob gara isaa akka fiduuf, Israa'eloota akka isaaf wolitti qabuuf, ka gadhaa haadha tiyyaa keessatti na dade, fuula ifii duratti ulfinna naaf kennee, ka jabeenna naaf te'e, Mootiin Waan Maraa ammalle,
ISA 49:6 anaan, «Ati gosa Yaaqoobii ade'etti deebisiisaaf, kolbaa Israa'elii worra jiru'uun hafe deebittee fidiisaaf, tajaajilaa kiyya te'iis keeti kaso'o. Fayyisiisa kiyya haga qaccee biyya lafaa akka dhaqqassiittuuf, worra Yihudoota hin te'iniifille ifa si hin godha» jedhe.
ISA 49:7 Mootiin Waan Maraa, Woyyichi Israa'el wodu, tajaajilaa bulchitootaa, ka nama gosa biyya adda addaatiin guddoo tuffatamee jibbameen, «Mootiin Waan Maraa addatamaan, Woyyichi Israa'elii waan si fileef, moototi si dhaggitee, ol si'iif hin kaati; qondaaltotille si dhaggitee si'iif hin sagaddi» jedhe.
ISA 49:8 Mootiin Waan Maraa, «Yennaa na biratti fudhatama qaddutti ani deebii si'iif hin kenna; guyyaa fayyinna keetii ani si hin qarqaara; ani si eegee, kolba'aaf gondooroo akka teetu hin godha; kolbaa adde'etti hin deebitta; lafa isaanii ta onte isaaniif hin deebitta.
ISA 49:9 Worra hidhameen, ‹Baya'a!› Worra dukkana keessa jiruun, ‹Ifatti baya'a!› akka jettu si hin godha; isaan irga kara'aatii hin nyaatan; kooba godduu mara irralle'ee sagalee hin dhaggatan.
ISA 49:10 Ani Mootiin Waan Maraa waan isaan mararfadhuuf, gara madda bisaaniille waan isaan sooressuuf, isaan hin beelotanu; hin dheebotanu; o'i goomole'ee yookiin adu'uu isaan hin miidhu.
ISA 49:11 «Ani gaarota kiyya mara karaa hin godha; karaan guddaan kiyyalle isaaniif wol hin qixxawa.
ISA 49:12 Kunoo, isaan biyya fago'oo irraa worri gariin biyya kaabaa irraa worri gariin karaa aduun seentu irraa worri kuun biyya Siiniimii irraa hin dhufan» jedha.
ISA 49:13 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jajjabeessuuf, worra rakkatelle waan mararuuf, ee ol-gubba'a, faarfadha'a! Ee lafa, gammada'a! Ee gaarota, ilillisa'a!
ISA 49:14 Xiyoon ammoo, «Mootiin Waan Maraa na gateera; Goottaan na dedheera» jette.
ISA 49:15 Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu dedhuu dandeettii? Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree? Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.
ISA 49:16 Ee Xiyoon, kunoo ani ganaa harka kiyyaa irratti si barreeffadheera; dalleenni keeti ka dhaka'aan ijaarame yennaa mara fuula kiyya dura jira.
ISA 49:17 «Ijoolleen teeti ariiti'iin gara keeti hin deebiti; worri diigee si balleesse si keessaa hin baqatan.
ISA 49:18 Ol jedhiitii adaala keeti ilaali! Ilmaan teeti marti wolitti qabantee gara keeti hin dhutti. Dhugaa ana jiraata'aa, ‹Ati isaan mara akka seesaa hin uffata; akka waajibaalle ijoollee teetiin hin miidhadda› jedhee kakadha.
ISA 49:19 «Ati diigantee ontulle, latti teeti duwwaa teetulle, amma worra si keessa jirutti dhiphattulle, worri si balleesse si irraa hin fagaata.
ISA 49:20 Ijoolleen teeti ta ati gadditeertuun dhalatte, si'iin, ‹Latti tun nutti diqqaatteerti; lafa leenu badhoo nu'uuf kenni› jettuun hin dhageetta.
ISA 49:21 Achiin duuba ati gadhaa keeti keessatti, ‹Ani ijoollee tiyya dhabeera; eega san hin deenne; isaan kana eentu naaf deye? Ani booji'amee, jibbatameeraayyu; isaan kana eentu naaf guddise ree? Ani qofi hafeeraayyu; isaan kun eessaa dhufane ree› hin jetta» jedhe.
ISA 49:22 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Gosa biyya adda addaa harkaan hin haatadha; baandiraa kiyyalle kolba'aaf ol hin kaasa. Isaan ilmaan teeti habbaaranee, ijoollee durraa teetille gurmuu ifii irratti kaasanee hin fidan.
ISA 49:23 Moototi abbootii guddisoo ijoollee teetii hin teeti; giittoti isaanii haadhotii guddosoo ijoollee teetii hin teeti. Isaan fuula ifiitiin lafatti gad hin gombifaman; miila keeti irralle'ee bukuu hin arraaban. Achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta; worri na addatu hin qaanowu» jedhe.
ISA 49:24 Nama jabaa irraa waan inni saame, yookiin nama gadhaa jabaatu irraa nama inni booji'e harkaa fuudhuu hin dande'anii?
ISA 49:25 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Ee, Wonni nami jabaan saame isa irraa hin fudhatanti; nama gadhaa jabaatu irraa nami inni booji'e isa harkaa hin fuudhama; ani worra si mormu hin morma; ijoollee teetille hin woda.
ISA 49:26 Worri si cunqursu foon ifii akka nyaatu hin godha; isaan dhiiga ifii akka daadhii woyni'ii unanee hin machowan. Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa hunnaamessi Yaaqoobii ka si fayyisuu fi ka si wodu akka te'e sanyiin namootaa marti hin beetti» jedhe.
ISA 50:1 Mootiin Waan Maraa, «Barreeffam ani ittiin haadha teessan lakkise meet ree? Yookiin nama liqaa na irraa qabu keessaa ani eennutti isin itti gurguradhe? Isin cubbuu teessaniif gurgurantane; haati teessanille yakkaa teessaniif lakkifante.
ISA 50:2 Ani yennaa dhufe maaf nama tokkolle achii dhabe? Yennaa waamelle maaf nama owwaatu dhabe? Harki kiyya gabaabbatee isin wodiisa dadhabee? Yookiin hunna ittiin isin fayyisu dhabee? Ani xixicha kiyyaan abbaayaa hin gossa; lagoota goomolee hin godha; qurxummiin achi keessaa bisaan dhaddee dhumattee, hin ajootti.
ISA 50:3 Ani gubbaa dukkaneessee, akka woyaa gaddaa hin gurraachessa» jedhe.
ISA 50:4 Ani worra dadhaba'atti dubbadhee akka isaan jajjabeessuuf, Goottaan Mootiin Waan Maraa dandeettii barsiisiisaa naa kenneera. Inni ganama ganama na dammassa, akka nama baratiisatti jiruu akka dhage'u gurra kiyya naaf hin bana.
ISA 50:5 Goottaan Mootiin Waan Maraa gurra kiyya baneera; ani ajajamuu didadhee, isa irraa gara duubaa hin deebine.
ISA 50:6 Ani dudda kiyya worra na dikutti, boqoo tiyyalle worra areeda kiyya buqqisu dura qabe; fuula kiyya worra natti murguu fi natti tufu hin dhoffanne.
ISA 50:7 Goottaan Mootiin Waan Maraa waan na qarqaaruuf ani hin qaanowu. Tanaaf, ani fuula kiyya akka dhakaa qara qabuu hin godha; ani akka hin qaanonnelle hin beeka.
ISA 50:8 Akka ani yakkaa hin qanne ka mudhisu, na bira jira; eentu na himatuu dande'a ree? Yoo jiraate wolitti dhikaannee woli himannuu ti! Ka na himatu dhikaatuu ti.
ISA 50:9 Ka na qarqaaru Goottaan Mootii Waan Maraa ti; ka natti muru eennu ree? Isaan marti akka woya'aa hin dullooman; qu'een isaan hin nyaatti.
ISA 50:10 Isin keessaa ka Mootii Waan Maraa sodaatuu fi jecha tajaajilaa isaatiif ka ajajamu eennu? Ka ifa hin qanne, ka dukkana keessa deddeebi'u Mootii Waan Maraatitti addatuu ti; Waaqa ifiille'etti irkatuu ti.
ISA 50:11 Amma ammoo, isin worri ibidda gabbittanuu fi worri xassaa qassittanu marti, ifa ibidda gabbittaneetii fi ifa xassaa qassiittane san keessa deema'a. Isin farra keessa hin buutan; tun ta isin harka kiyya keessaa fudhattanu.
ISA 51:1 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri balchummaa hordottanu, worri ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu na caqasa'a. Rassaa irraa dhaggantane, boolla bisaanii ta keessaa ol baatanelle ilaala'a.
ISA 51:2 Gara abbaa keessan Abrahaamii, gara Saaraa isin deetteelle ilaala'a. Ani yennaa isa waame inni uumaa hin qabu; ani ammoo isa eebbisee isa baceesse.
ISA 51:3 Ani Mootiin Waan Maraa Xiyoon hin jajjabeessa; waan isii duraa diigame maraaf hin marara. Goomolee isi'ii akka fichaa Edenii lafa isi'ii godduu akka oorruu tiyyaa hin godha. Ililleetti'ii fi gammad isii keessatti hin dhaggama; qoonqoo galataatii fi faaru'uu achi keessatti hin dhage'anti.
ISA 51:4 «Ee kolbaa tiyya na caqasa'a; waan jedhulle dhage'a'a. Seerri na biraa hin baya; muraan tiyyalle gosa biyya adda addaatiif ifa hin teeti.
ISA 51:5 Balchummaan tiyya ariiti'iin dhikaatiisatti jirti; fayyisiisi kiyyalle dhaqqabiisatti jira; irreen tiyya gosa biyya adda addaatiif haqa hin fiddi. Worri oddoola keessaa gara kiyya hin ilaalan; irree tiyyalle addi'iin hin eegatan.
ISA 51:6 Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa, gad jedha'aatii lafa ilaala'a; ol-gubbbaan akka aaraa hin baddi; lattille akka woya'aa hin dulloonti; worri isii irra le'u akka tiitichaa hin dhumatan. Fayyisiisi kiyya ammoo, haga bara baraa ti; balchummaan tiyyalle ijjumaa dhuma hin qaddu.
ISA 51:7 «Isin worri balchummaa beettanu, isin kolbaan seera kiyya gadhaa keessan keessaa qaddanu na dhage'a'a. Murgoo namootaa hin sodaatina'a; yookiin yennaa isaan isin arrassanu hin rifatina'a.
ISA 51:8 Qu'een akka woya'aa isaan hin nyaatti; corroxxi akka rifeensa hoole'ee isaan hin nyaatti. Balchummaan tiyya ammoo haga bara baraa ti; fayyisiis kiyyalle dhaloota irraa dhalootatti hin dabara» jedha.
ISA 51:9 Ee irree Mootii Waan Maraa, ka'i, ka'i! Hunna teeti mudhisi! Akka bara durii, akkuma dhaloota durii durii keessaa ka'i! Jawwee guddittii abbaayaa keessaa, ta, «Rahaab» jedhanu san kukkuttee, ka woraante si'ii motii ree?
ISA 51:10 Worri ati wodatte akka gamatti bu'uuf, ka abbaaya'aa fi bisaan qilee guddo'oo gosse, ka qilee abbaaya'aa keessatti karaa baase si'ii motii ree?
ISA 51:11 Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an; isaan faarfataa gara Xiyoonii hin seenan; gammada bara baraa akka kallachaa mataa ifiititti hin keyatan. Gammadaan hin burraaqan; gaddii fi bowiisi isaan irraa hin fagaata.
ISA 51:12 Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Ka isin jajjabeessu ana; anuma qofa. Namoota du'anu, ilmaan namootaa ta akka marraa goddu, maaf sodaattan ree?
ISA 51:13 Ana Mootii Waan Maraa ka isin dade, ka ol-gubbaa diriirsee hundee lafaa hundeesse deetanee, maaf guyyaa mara aarii worra isin cunqursuu, ka isin balleessiisaaf barbaaduu sodaattan ree? Aariin worra isin cunqursuu meet ree?
ISA 51:14 Worri hidhameeru ariiti'iin hin bayan; isaan hin du'anu; gara qile'eelle gad hin bu'anu; sagalee nyaatanulle hin dhabanu.
ISA 51:15 «Danbaliin akkuma bulphittu abbaayaa ka raasu, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; maqaan kiyya Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
ISA 51:16 Ani ol-gubbaa diriirsee, hundee lafaalle hundeesse; ani Xiyooniin, ‹Ati kolbaa tiyya; jecha kiyya afaan keeti keessa hin keya; gaaddisa harka kiyyaatille'een si hin golla› hin jedha» jedhe.
ISA 51:17 Ee Yerusaalem, muduunuu mufii Mootii Waan Maraa harka isaa irraa ta unte, muduunuu mufi'ii ta gatantarsitu, cumaan isi'iille adoo hin hafin ta xuuxatte, dammaqi, dammaqi ka'iitii dhaabbadhu.
ISA 51:18 Ilmaan ati deette mara keessaa, ka si sooressu tokkolle hin jiru; worra ati gudditte mara keessalle'ee ka harka qabee si sooressu hin jiru.
ISA 51:19 Badiin badii irratti sitti dhutteerti; eentu si jajjabeessa ree? Tunille diigamiisa, badiisa, beelaa fi woraana. Eentu si woliin gadda ree?
ISA 51:20 Mufi'ii fi xixichi Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii waan isin dhaqqabeef, ilmaan teessan akka buddannee tiyyo'oon qabantee, woldeennaa kara'aa mara irratti gaggaddee irkatteerti.
ISA 51:21 Tanaaf isin daadhii woyni'iitiin adoo hin te'in, rakkinnaan ka machoottane tana dhage'a'a.
ISA 51:22 Mootiin Waan Maraa keessan ka Waan Mara Dande'u, Waaqi kolbaa ifiitiif falmu isiniin, «Kunoo, muduunuu isin gatantarsitu, harka keessan irraa fuudheera; deebitaneelle muduunuu mufi'ii tiyya irraa, ijjumaa akka isin hin unne hin godha.
ISA 51:23 Muduunuu rakkinnaa san harka worra si farrisiisuu, ka si'iin, ‹Gad gombifam, nuuti si irra ideenna› jedhutti hin kenna. Atille akka isaan irra ideemanuuf dudda keeti akka lafaatii fi kara'aa gooteef» jedha.
ISA 52:1 Ee Xiyoon, dammaqi! Dammaqi! Hunna uffadhu! Ee Yerusaalem, qachaa woyyicha, woyaa teeti ta ulfinnaa uffadhu! Haganaa achi worri haqanqabaa hin qabatinii fi worri battowe gara keeti hin seenu.
ISA 52:2 Ee kolbaa Xiyoonii ta booji'antane, wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhantane morma keessan irraa hiikadha'a! Ee Yerusaalem, Bukuu ifi irraa hargufadhuutii, ka'ii, barcumaa mootumma'aa irra tee'i!
ISA 52:3 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Isin gatii malee gurgurantaneertaniiyyu; beesee malee hin wodantan» jedha.
ISA 52:4 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan tiyya qara biyya Gibxi'ii keessa le'iisaaf, gad dhaxxe; achiin duuba worri Asoorii, sababa malee isaan cunqurse.
ISA 52:5 Kolbaan tiyya sababa malee waan fudhatanteef, ani asii maan qaba ree? Worri isaan bulchu isaanitti murga; guyyaa mara maqaa kiyya faanshessan.
ISA 52:6 Tanaaf yennaa san kolbaan tiyya maqaa kiyya hin beetti; ‹Kunoo, ani asi jira› jedhee, ka dubbate ana akka te'e hin beetti» jedha.
ISA 52:7 Miilli ergamaa gaara irra dhaabbatee oduu gammadaa fidu, ka nageya lassuu, ka waan dansaa fidu, ka fayyinna lallabu, ka Xiyooniin, «Waaqi keeti mootii te'a» jedhu, attam attam tola!
ISA 52:8 Caqasi! Mootiin Waan Maraa gara Xiyoonii yennaa deebi'u, eeddoti teeti ila ifiitiin hin dhaggiti; qoonqoo ifii ol qabattee tokkumma'aan hin ilillitti.
ISA 52:9 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii jajjabeessee, Yerusaalem waan wodeef, ee bututa Yerusaalemii tokkumma'aan ilillisaa faarsa'a.
ISA 52:10 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa mara duratti irree ifii woyyittii hin mudhisa. Worri qaccee biyya lafaa jiranu duudiin fayyisiisa Waaqa keennaa hin dhaggan.
ISA 52:11 Isin worri meya Mootii Waan Maraa ba'attanu, adda baya'a; adda baya'aa; achi keessaa baya'a; waan battii hin tuqina'a; achi keessaa baya'aatii, ifi qulqulleessa'a.
ISA 52:12 Te'uu malee, ariiti'iin hin baatanu yookiin baqattanee hin deentanu; Mootiin Waan Maraa isiniin dura hin deema; Waaqi Israa'elii duuballe'een isin hin eega.
ISA 52:13 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, tajaajilaan kiyya qarumma'aan huja; inni hin saadama; ol ol hin qabama; hin jajama.
ISA 52:14 Te'uu malee akki tajaajilaa kiyyaa nama irraa adda te'ee, waan gara dhabeef, namooti hedduun baaseffatane.
ISA 52:15 Maarre inni gosa biyya adda addaa hedduu hin baaseffachiisa; sababa isaatiif moototi afaan hin qabatti; waan dur itti hin himamin hin dhaggiti; waan hin dhage'in hin hubatti» jedhe.
ISA 53:1 Kolbaan deebitee, «Waan nuuti dhageenne eentu dhugeeffate? Irreen Mootii Waan Maraa eennnutti mudhatte?
ISA 53:2 Inni Mootii Waan Maraa duratti akka kichuu quunxituu, akka hidda lafa godduu keessaa bawuu hin lata; inni dansummaa yookiin arnya nutti tolu hin qabu; akka isa jaalannuufille akka hin qabu.
ISA 53:3 Inni nama namooti jibbanee tuffatane; inni nama dhibee guddo'oo fi rakkoo guddoo qabu. Inni akka nama nami fuula irraa deebifatee ti; inni nama tuffatame; nuutille ulfinna isaaf hin kennine.
ISA 53:4 «Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee, dhibee teennalle ba'ate. Te'uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee, akka Waaqi balaa isatti buusee, akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.
ISA 53:5 Inni ammoo, sababa cubbuu teennaatiif woraaname; sababa yakkaa teennaatiifille butute. Nuuti adabamiisa isaatiin nageya dhagganne; madaa isaatille'een nuuti fayyine.
ISA 53:6 Nuuti marti akka hoole'ee karaa irraa bannee, tokko tokkoon keennaayyuu karaa karaa keennatti gorre; Mootiin Waan Maraa ammoo, yakkaa teenna mara isa irra keye.
ISA 53:7 «Inni cunqurfamee, farre; te'uu malee, waan tokkolle hin dubbanne; akka ilmayyoo hoole'ee ka qalmaaf oofamuutii fi akkuma hooleen worra rifeensa isi'ii haadu duratti cadhittu, inni cadhise malee, womaa hin dubbanne.
ISA 53:8 Cunqursiisaan isatti muranee, fuudhanee deemane. Inni lafa worra jiraata'aa keessaa balleeffamee, sababa yakkaa kolbaa ifiitiifille akka adabame hidda dhaloota isaa keessaa ka hubate eennu ree?
ISA 53:9 Inni hammeenna tokkolle adoo hin hujin, dharalle adoo hin dubbatin, worra hamoolee woliin du'ee, addee dureeyyiin awwaalantutti awwaalame» jette.
ISA 53:10 Mootiin Waan Maraa, «Te'uu malee, bututiisii fi farriis isaa fedha kiyya; ani jiruu isaa kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu godhulle, barri isaa dheeratee inni sanyii ifii hin dhagga; fedhiin tiyyalle karaa isaatiin hin muummotti.
ISA 53:11 Inni farriisa ifiitiin duuba, ifa jiru'uu dhaggee hin gammada. Tajaajilaan kiyya balchichi, beekkumsa ifiitiin worra bacaa hin balchoonsa; yakkaa isaaniille hin ba'ata.
ISA 53:12 Inni cubbuu namoota heddu'uu ba'atee, marroo yakkaa isaaniitiifille isaaniif kadhate; inni lubbuu ifii du'aaf dabarsee kennee, hamaaleyyii woliin waan laakkowameef, ani qooda isaa worra gugurdaa woliin isaaf hin kenna; inni worra jajjabaa woliin boojuu hin qoodama» jedha.
ISA 54:1 Mootiin Waan Maraa, «Ijoollee dubartii abbaa manaa qadduu caalaa, ijoolleen dubartii qofi lakkifantee waan heddatteef, ati maseentittiin ijjumaa deettee hin beenne, ta ijjumaa ciniinsifattee hin beenne gammadaan faarfadhuu, ilillisi!
ISA 54:2 Addee dunkaanii teetii badhisi; gollaa dunkaanii teetii badhiisii diriirsi; hin dhiphisin. Wodaroo teeti dheeressi; togaa keeti jabeessi.
ISA 54:3 Ati gara middaa fi bita'aa waan badhattuuf, sanyiin teeti gosa biyya adda addaa hin qabatti; qachoota isaanii ka one keessalle hin qubatti.
ISA 54:4 «Ati waan hin qaanonneef, hin sodaatin; waan hin salphanneef, hin rifatin. Fokkoo yennaa dargaggummaa teetii hin deeta; qaanii yennaa haadha hiyyeessummaa teetiille haganaa achi hin qaabattu.
ISA 54:5 Ani ka si dade akka dhirsaa si'iif hin te'a; maqaan kiyya Mootii Waan Maraa Ka Waaqa Waan Mara Dade; ka si wode ana Woyyicha Israa'elii ti; ani Waaqa lafa duudi'ii ti.
ISA 54:6 «Ati akka dubartii dargaggumma'aan heerumtee, abbaan manaa isii lakkisee, gadhaa ifii keessatti gadditee ti» jedha. Mootiin Waan Maraa keeti ammoo, gara ifii si waamee,
ISA 54:7 «Ani yennaa diqqo'oof si lakkiseeraayyu; amma ammoo, marartii guddo'oon si deebisa.
ISA 54:8 Ani guddoo waan sitti aareef, yennaa diqqo'oof fuula kiyya si duraa dhoffadheeraayyu; ammoo, jaalala kiyya ka bara baraatiin si hin marara» jedha ka si wodu.
ISA 54:9 Ammalle Mootiin Waan Maraa ka si mararu si'iin, «Tun naaf akka bara Nohii deebi'ee bisaaniin lafa akka hin balleessine kakadhee ti; maarre ani amma deebi'ee akka sitti hin aarre, deebi'eelle ijjumaa akka si hin xindheef kakadheera.
ISA 54:10 Gaaroti raafamanulle, kooboti addee ifii irraa ka'anulle jaalalli bara baraa ka ani si'iif qabu, ijjumaa hin raafantu; gondooroon nageyaa tiyyalle hin diigantu.
ISA 54:11 «Ee, ati qachaa Yerusaalemii, ka rakkatte, ka bubbee bokkeyaatiin raafante; ka hin jajjabaatin. Kunoo, ani dhakaa gatii guddo'ootiin si hin ijaara; dhakaa ‹Safiiros› jedhamuun hundee teetille hin keya.
ISA 54:12 Ani qaccee xelleephoo teetii dooqa diima'aan, karra teetiille dooqa cululuquun, dalleya dhaka'aa keetille dhakaa gatii guddo'ootiin hin ijaara.
ISA 54:13 Ilmaan teeti marti ana Mootii Waan Maraa irraa ka baratte hin teeti; ijoolleen teetille nageya guddaa hin dhaggatti.
ISA 54:14 Ati balchumma'aan hin ijaaranta; cunqurfamiisi si irraa hin fagaata; wonni si sodaachisu hin jiraatu; bararaqi si irraa hin fagaata; si'ille'etti hin dhikaatu.
ISA 54:15 Eennulle yoo si miidhe, inni ka ani ergee moti; nami si miidhu marti harka sitti hin kennata.
ISA 54:16 «Kunoo, nama cile'etti buufee bobeessu, sibiila tumee, meya woraanaa ka qopheessu, ka dade ana. Ka woy balleessu, akka inni woy balleessuuf, ka dade ana.
ISA 54:17 Mey woraanaa ka si balleessiisaaf qophowe, si miidhuu hin dande'u; worra si himatu mara hin injifatta. Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti; injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha.
ISA 55:1 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri dheebottane marti, gara bisaanii kowa'a! Isin worri beesee hin qanne, kowa'aatii, bitadha'aa nyaadha'a! Kowa'aatii, beesee malee, gatii malee, daadhii woyni'iitii fi aanan bitadha'a!
ISA 55:2 Waan sagalee hin te'initti maaf beesee teessan baattan? Waan isin hin quussinetti maaf eloottan? Na caqasa'a, waan dansaa nyaadha'a; sagalee dansa'atti gammada'a.
ISA 55:3 Gara kiyya kowa'a! Gurra keessan gara kiyya deebifadha'a; akka jiraattanuuf na dhage'a'a! Jaalala kiyya ka bara baraa ka Daawitiif waadaa galeen, gondooroo bara baraa isin woliin hin godha.
ISA 55:4 Kunoo, ani Daawiti kolbaa heddu'uuf dhugaa-bayaa, sooressaa fi ajajaa kolbaa heddu'uu godheera.
ISA 55:5 Kunoo, ani Mootiin Maan Maraa Waaqi keeti Woyyichi Israa'elii ulfinna waan sii kenneef, ati gosa biyya adda addaa ta hin beenne hin waanta; gosi biyya adda addaa ta si hin beennelle ariiti'iin gara keeti hin dhufan» jedha.
ISA 55:6 Yennaa Mootiin Waan Maraa dhaggamu barbaadadha'a; adoo dhikoo jiruulle isa waammadha'a.
ISA 55:7 Nami hamaan karaa ifii, nami yakkaamessi yaada ifii lakkisee, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa deebi'uu ti; inni isaaf hin marara; araarri isaalle baca'a.
ISA 55:8 Mootiin Waan Maraa, «Yaadi kiyya akka yaada keessanii, karaan kiyyalle akka karaa keessaniitii moti.
ISA 55:9 Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu, karaan kiyya karaa keessan irraa, yaadi kiyyalle yaada keessan irraa ol hin fagaata.
ISA 55:10 «Bokkeennii fi dhakaan bokkeyaa ol-gubbaa irraa gad roobee, lafa jiisiisaan, latti quunxitee, midhaan akka baachu ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee, akka kennitu godhu malee, gara ol-gubba'aa akkuma hin deebine,
ISA 55:11 jechi afaan kiyya keessaa bawu, waan ani fedhe hujee, waan ani itti ergelle muummessu malee, akkasumaan gara kiyya hin deebi'u.
ISA 55:12 «Isin gammadaan Baabilon keessaa baatanee, nageyaan hin geegefantan. Gaarotii fi kooboti isin duratti gammadaa hin faarsan; muki badda'aa marti harka hin dhowan.
ISA 55:13 Addee muka qore'ee muki hindheensaa, addee qumi'uudu'uu muki dakkaraa hin lata. Tunille Mootii Waan Maraatiif qaabbii, beessisa haga bara baraa hin banne hin teeti» jedha.
ISA 56:1 Mootiin Waan Maraa, «Fayyisiis kiyya waan dhikaateeruuf, balchummaan tiyyalle ariiti'iin waan mudhattuuf, haqa eega'a; waan sirrii te'elle huja'a.
ISA 56:2 Nami tana godhu, ka tana jabeessee eegatu, ka Sanbata hin batteessine, waan hantuu mara hujiisa irraa ka harka ifii eegatu ka eebbifame» jedha.
ISA 56:3 Nami ormi gara Mootii Waan Maraa deebi'e, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan kolbaa ifii irraa gargar na hin baasa» jedhee hin yaadin. Guneessille, «Ani muka goga'a» ifiin hin jedhin.
ISA 56:4 Mootiin Waan Maraa, «Guneessota Sanbata kiyya ulfeessanu, ka waan na gammachiisu filatanuu fi gondooroo tiyya jabeessanee ka eegatanuuf,
ISA 56:5 ani Galma Woyyicha kiyya keessaa fi dalleya kiyya keessatti, ijoollee dhiiraatii fi durraa caalaa, yaadanno'oo fi maqaa ittiin beekkamanu isaaniif hin kenna; maqaa haga bara baraa hin bannelle isaaniif hin kenna.
ISA 56:6 «Worra orma ana Mootii Waan Maraa tajaajiluuf, ka maqaa kiyya jaalatuuf, ka ana waaqonfatuuf, ka natti dhikaatee, Sanbata kiyya adoo hin batteessin, gondooroo tiyya eegatanu mara,
ISA 56:7 ani gara gaara woyyicha kiyyaa ol isaan hin baasa; mana daadimataa kiyya keessalle'etti isaan hin gammachiisa. Manni kiyya, mana daadimataa ka gosa biyya adda addaa maraa waan jedhamuuf, kennansa isaanii ka gubatuu fi ciincaa isaanii ka dhibii addee ciinca'aa tiyya irratti yoo isaan dhikeessane ani hin fudhadha» jedha.
ISA 56:8 Goottaan Mootii Waan Maraa ka kolbaa Israa'elii ta bittinnootte wolitti qabu, «Ani worra amma wolitti qabameeru kana irratti ka dhibii dabalee wolitti hin qaba» jedha.
ISA 56:9 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri akka bineensotaa marti, isin worri akka bineensota gongoma'aa marti, nyaatiisaaf kowa'a.
ISA 56:10 Eeddoti Israa'elii balla'a; isaan martinuu beekkumsa hin qabanu; isaan martinuu akka sareelee dutuu hin dandeennee ti; isaan dutuu hin dande'anu; irkatanee oojjatan; hirriiba jaalatan.
ISA 56:11 Isaan gadhitoo akka saree nyaattee hin quunnee ti; isaan tissitoota woy hin hubanne; isaan martinuu karaa ifii deeman; tokko tokkoon isaaniituu bu'aa ifii barbaadatan.
ISA 56:12 Isaan, ‹Kowa'a daadhii woyni'ii unna; untoo nama macheessitulle unnee machoonna. Borulle akkuma adhaa hin teeti; yookiin ta adhaa caala'aayyuu hin tolti› woliin jedhan.
ISA 57:1 «Nami balchaan hin du'a; nami Waaqaaf ifi kennu, wonni hantuun akka isa irra hin geenneef fudhatama; tana nami hubatu hin jiru.
ISA 57:2 Worri qajeelumma'aan ideemu nageya hin qabaatan; yennaa du'anulle hin foorfatan.
ISA 57:3 «Isin ilmaan worra moruu, sanyiin gaarayyeeffattu'uutii fi sagaagaltu'uu as kowa'a.
ISA 57:4 Isin eennutti murgitan? Eennutti afaan bantan? Eennutti arraba baattan? Isin ilmaan finqiltu'uutii fi sanyii dharaameyyi'iitii motii?
ISA 57:5 Isin muka qilxa'aatii fi muka banqaaqaa mara jalatti, halchaa sagaagalaatiin gubattan. Isin dhooqa keessatti, baqaqa rassa'aa keessatti ijoollee teessan ciincessitanii motii ree?
ISA 57:6 Isin dhakoota mucucaataa ka odduu dhooqaa waaqonfattan; isaan qooda keessan. Isin dhibaayyuu daadhii woyni'ii isaaniif dhibaattanee, kennansa midhaanii isaaniif kennitan. Ani tana hin mararaa ree?
ISA 57:7 Isin gaara dheeraa irratti sagaagaltan; achitti waaqota dharaa keessaniif ciincaa dhikeessitan.
ISA 57:8 Balbalaa fi mikikkila balbala teessanii duubaan, fakkii waaqota dharaa keessan keyattaneertan. Isin na lakkittanee, taqee teessan irraa saaxxanee, irra yaaddaneelle badhittanee saaxxane. Nafa isaanii qullaa dhaggitanee wol gaarayyeeffatiisaaf worra jaalatu woliin, wolii galtane.
ISA 57:9 Isin Zayitii ejersaa qabattanee, fiqireelle itti dabaltanee, gara Moleekii waaqa dharaa dhaxxane; isin ergantoota teessan fagoo gara addee worri du'e jiru gad ergitane.
ISA 57:10 Deemmaa kara'aatiin dadhaddane; te'uu malee, ‹Tun bu'aa hin qaddu› hin jenne. Hunna haareya dhaggattane; tanaaf hin dadhaddane.
ISA 57:11 «Akka isin na soddanuuf, ka isin sodaachisee yaachise eennu fa'a? Wonni isin na hin qaabatiniif, wonni isin tana hin qalbeeffatiniif, wonni isin na hin sodaatiniif, waan ani yennaa dheertuu cadhiseefii motii?
ISA 57:12 Ani balchummaa teessanii fi hujii teessan hin salqa; waaqoti dharaa keessan womaa isiniif hin bayanu.
ISA 57:13 Yennaa isin qarqaarsaaf iyyattanu, waaqoti dharaa hedduun isin wolitti qabattane sun, isin baasanuu tii me. Isaan mara qilleensi fuudhee hin deema; diilalluulle isaan hin balleessiti. Nami natti addatu ammoo, lafa hin dhaala; gaara woyyicha kiyya qabeenna ifii hin godhata» jedhe.
ISA 57:14 Mootiin Waan Maraa, «Karaa baasa'a, karaa baasa'a! Daandii qopheessa'a; daandii kolbaa tiyyaa keessaa gufuu kaasa'a!
ISA 57:15 «Ani Waaqa ol aanaa waan mara caalu, woyyicha haga bara baraa le'u. Ani worra ifi gad qabu yaada isaanii haaressiisaaf, worra addii kutatane jajjabeessiisaaf, addee ol aantuu woyyittii isaan woliin hin le'a.
ISA 57:16 Ayyaanni kolbaa ani dadeetii fi hafuurri ani isaan keessa keye na duratti akka hin gagganne, ani haga bara baraa isaan hin komadhu; yennaa maralle hin aaru.
ISA 57:17 Ani sababa joljolummaa cubbuu isaaniitiif isaanitti aare; ani isaan adabee, aari'iin fuula kiyya isaan irraa deebifadhe. Te'uu malee isaan karuma ifii san deemane.
ISA 57:18 «Ani karaa isaanii dhaggeera; te'uu malee isaan hin fayyisa; ani isaan sooressa; Isaanii fi marroo isaaniitiif worra bowu hin jajjabeessa.
ISA 57:19 Worri Israa'elii ka bowu afaan ifiitiin akka na leellifatu hin godha; nageenni worra fago'oo fi dhikoo jiruuf te'uu ti. Ani isaan hin fayyisa.
ISA 57:20 Worri hamaan ammoo, akka abbaayaa bulphittuu, ta foora hin qanne, ta danbaliin isi'ii caffa'aa fi dhoqqee qadduu ti» jedha.
ISA 57:21 Waaqi kiyya, «Worri hamaan nageya hin qabu» jedha.
ISA 58:1 Mootiin Waan Maraa, «Qoonqoo adoo hin qusatin, guddisii iyyi! Qoonqoo teeti akka tultulla'aa dhageessis! Kolbaa tiyyatti finqila isaanii, sanyii Yaaqoobiititti cubbuu isaanii himi!
ISA 58:2 Isaan guyyaa mara na barbaadan; karaa kiyya beekiisaa waan fedhanu fakkaatan; akka kolbaa waan sirrii te'e hujjuutii fi akka kolbaa ajaja Waaqa ifii hin lakkisinii, muraa haqaa na gaafatan; ana Waaqatti dhikaatiisalle waan fedhanu fakkaatan» jedha.
ISA 58:3 Isaan, «Eega ati gara laama keennaa hin ilaalle teetee, nuuti maaf laanne ree? Gad ifi qabiisa keenna eega ati hin ilaalin, nuuti maaf ifi gad qanne ree?» jedhan. Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Kunoo, guyyaa laamaatitti isin waanuma fedhii teessanii gootan; hojjattoota teessan maraayyuu hin cunqursitan.
ISA 58:4 «Kunoo, laam keessan lolaa fi moroma'aan, tuntummuu hammeennaatiin wol tumiisaan muummowa; akka amma laamiisatti jirtanu kana laamaa, daadimati keessan ol-gubba'atti waan isiniif dhage'amu isinitti hin fakkaatin.
ISA 58:5 Laam ani filadhe ka akkasii kanaa ree? Nami ka ifi gad qabu, guyyaa akkanaa qofaa ree? Akka allaadu'uu qooree mataa ifii gad qabatiisaa ree? Yookiin woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra gangalatiisaa ree? Laam isin jettanu isa kanaa ree? Guyyaan ana Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qabu guyyaa akkanaatii ree?
ISA 58:6 «Laam ani filadhe worra haqa malee hidhame akka hiittanu, wodaroo waanjo'oo akka hiittanu, worra cunqurfame bilisa akka baattanuu fi waanjoo mara akka caccassittanuu motii ree?
ISA 58:7 Sagalee teessan worra beelowe woliin akka qoodantanu, hiyyeessa olii fi gad joonjuuf addee bulu akka kennitanu, nama qullaa jiru yennaa dhaggitane akka daara baattanu, aantee teessanitti fuula akka itti hin hammaannee motii ree?
ISA 58:8 Yoo tana gootane ifi keessan akka ganamaa hin ifa; fayyinni keessanille ariifatee hin dhufa; balchummaan teessan isiniin dura hin deenti; ulfinni kiyyalle isin duubaan isin hin eega.
ISA 58:9 Yennaa isin daadimattanu, ani deebii isiniif hin kenna; yennaa isin qarqaarsaaf gara kiyya iyyitanu, anille isin jalaa hin owwaadha. «Isin nama cunqursiisa, quba namatti qabiisaa fi hantuu dubbatiisa yoo lakkittane,
ISA 58:10 ka beeloteef sagalee yoo kennitane, ka rakkatelle yoo qarqaartane, ifi keessan dukkana keessatti hin ifa; dukkanti dimmi teessanille akka ifa saafowaa hin teeti.
ISA 58:11 Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara isin hin sooressa; lafa godduu keessalle'etti isin hin quussa; lafee teessan hin jabeessa. Isinille akka oorruu bisaan obaafamuu, akka madda bisaan isaa hin dhidhannee hin teetan.
ISA 58:12 Kolbaan teessan waan dur diigame deebittee hin ijaarti; hundee durii ol kaasan. Isin, ‹Worra dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressu, worra karaa bade miidhassu› hin jedhantan.
ISA 58:13 Isin seera Waaqaa ka marroo guyyaa Sanbataa yoo eegattane, guyyaa woyyicha kiyya kanatti, waan fedhii teessanii yoo godhuu dhaddane, guyyaa Sanbataa guyyaa gammadaa, guyyaa kiyya woyyicha guyyaa ulfinnaa yoo godhattane, guyyaa san haajaa keessaniif ideemiisa, waan fedhii teessanii godhiisa yookiin waan dubbatiisaaf hin malle yoo lakkittane,
ISA 58:14 isin yennaa san ana Mootii Waan Maraatti hin gammadan; ani lafa mara irratti akka isin ulfaattanu, dhaala abbaa keessan Yaaqoobiille akka isin nyaattanu hin godha; ani Mootiin waan Maraa tana dubbadheera» jedha.
ISA 59:1 Kunoo, harki Mootii Waan Maraa fayyisiisaaf hin gabaabbanne; gurri isaalle dhage'iisa hin dadhanne.
ISA 59:2 Yakkaan teessan ammoo Waaqa keessan irraa gargar isin baatteerti; akka inni isiniif hin dhageenne, cubbuun teessan akka inni fuula ifii isin irraa deebifatu gooteerti.
ISA 59:3 Harki keessan dhiigaan, qubi keessanille yakka'aan battoweera. Afaan keessan dhara dubbata; arrabi keessanille waan hantuu dubbata.
ISA 59:4 Nami haqaan ideemuu fi nami haajaa ifii dhuga'aan dhikeeffatu tokkolle hin jiru. Moromaa bu'aa hin qannetti addatanee, dhara dubbatan. Miidhaa gadha'atti qabatanee, hammeenna fidan.
ISA 59:5 Isaan quuphaa buuti'iititti kabban; mana saaphuphu'uu ijaaran; nami quuphaa san nyaatu marti hin du'a; quuphaa cabu san keessaa ilmee buuti'iititti baya.
ISA 59:6 Manni saaphuphu'uu sun woyaa dhowiisaaf hin te'u; waan dhowatanu san uffatiisa hin dande'anu; hujiin isaanii hujii hammeennaa ti; harki isaanii hujii hammeennaatiin guutameera.
ISA 59:7 Miilli isaanii waan hantuu hujiisaaf ori'a; isaan dhiiga nama yakkaa hin qanneelle dhangalaasiisaaf ariifatan; yaadi isaanii yaada hama'a; gara deemanu maratti hujiin isaanii hujii diigiisaatii fi balleessiisaa ti.
ISA 59:8 Isaan karaa nageyaa hin beekanu; daandii isaanii keessalle haqi hin jiru; isaan karaa ifii daddassaneeran; nami karaa san irra deemulle nageya hin dhaggatu.
ISA 59:9 Tanaaf kolbaan, «Haqi nu irraa fagaate; balchummaalle nu bira hin geettu. Nuuti ifa barbaanna; ammoo marti dukkana; nuuti ifaa guddaa barbaanna; ammoo dukkana dimma keessa ideemiisatti jirra.
ISA 59:10 Akka nama balla'aa dalleya qaqqabataa, akka nama ila hin qannee karaa barbaadanna; akka waan dimimmisaa guyya'aan gufanna; odduu worra jajjabaatitti, akka worra du'ee teene.
ISA 59:11 Nuuti marti akka doobba'aa hin gururaana; akka saphaliisaa aadiisaan wiiccifannee boonna. Haqa barbaanna; ammoo hin dhaggannu; fayyinna barbaanna; ammoo nu irraa fago'o.
ISA 59:12 «Balleessaan teenna fuula keeti duratti baca'a; cubbuun teennalle nu irratti dhugaa baati. Balleessaa teenna beenneerra; yakkaa teennalle hubanneerra.
ISA 59:13 Nuuti Mootii Waan Maraa irraa finqillee isa sonneerra; Waaqa keenna hordofiisa irraa deebineerra; nama cunqursiisaa fi hunnaan nama irratti ka'iisa yaadanna; dhara gadhaa keenna keessatti yaadanne dubbanna.
ISA 59:14 Tanaaf haqi duubatti deebi'ee, balchummaan fagaatteerti; Dhugaan karaa irratti gufattee, addatamummaan qachaa seenuu hin dandeenne.
ISA 59:15 Dhugaan dhabante; nami waan hantuu irraa gorulle hin saamama» jetti. Mootiin Waan Maraa haqi akka hin jirre dhaggee, gadde.
ISA 59:16 Inni worra cunqurfame ka qarqaaru nami tokkolle akka hin jirre dhaggee baaseffate; maarre inni irree ifiitiin fayyinna fide; balchumuma isaatitti isa qarqaare.
ISA 59:17 Inni balchummaa akka qomoo sibiilaa uffata; fayyinna akka gullee sibiilaa keyata; inni haluu akka woya'aa, hinaaffaalle akka bullukko'oo uffate.
ISA 59:18 Inni akkuma hujii isaaniititti worra isa mormu irratti mufii ifii hin fida; diinota ifiitii fi kolbaa oddoola keessa leetulle'eef gatii hujii isaanii hin kenna.
ISA 59:19 Mootiin Waan Maraa akka bisaan abbaaya'aa ka bubbe'een darbamuu, waan dhufuuf, worri gara aduun seentu jiru maqaa Mootii Waan Maraa hin sodaatan; worri gara aduun baatu jirulle ulfinna isaa hin sodaatan.
ISA 59:20 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Ka wodu, gara Xiyoonii, gara worra sanyii Yaaqoobii keessaa cubbuu ifii irraa deebi'anee hin dhufa» jedha.
ISA 59:21 Mootiin Waan Maraa, «Gondooroon ani isin woliin godhadhu: ayyaanni kiyya ka ani isiniif kennuu fi jechi kiyya ka ani afaan keessan keessa keyu, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee teessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee teessanii keessaalle'ee adhaa jalqabee haga bara baraa hin dhabamu» jedha.
ISA 60:1 Ee Yerusaalem, ifi keeti waan dhufeef, ka'ii issi! Ulfinni Mootii Waan Maraalle si irratti ifeera.
ISA 60:2 Kunoo, dukkanti lafa hin golliti; dukkanti dimmille kolbaa hin dhossiti. Si'iif ammoo ifi Mootii Waan Maraa hin ifa; ulfinni isaalle si irratti hin mudhata.
ISA 60:3 Gosi biyya adda addaa gara ifa keetii, moototille gara ifa keeti ka ganamaa hin dhufan.
ISA 60:4 Ol jedhiitii adaala keeti ilaal: Isaan marti wolitti qabamanee gara keeti hin dhufan. Ilmaan teeti fagoo irraa hin dhufan; ijoolleen durraa teetille worri isaan guddisu isaan habbaarrateeruun gara keeti dhufan.
ISA 60:5 Ati yennaa isaan dhaggite, fuulli keeti hin ifa; gadhaan keetille gammadaan hin firinxiixa. Qabeenni abbaayaa irra qaxxaamuree dhufu, karri gosa biyya adda addaalle teeti hin teeti.
ISA 60:6 Gaaloti bindillaan, gaaloti orgeen biyya Miidiyaaniitii fi Eefa'aa irraa dhufanee lafa teeti hin guutan. Namooti biyya Sheeba'aatii dhufanu marti worqi'ii fi hixaana fidanee hin dhufan; Isaan galata Mootii Waan Maraa hin lallaban.
ISA 60:7 Hooleen worra Qedaarii marti gara keeti wolitti hin qabaman; korbeeyyii hoole'ee ta worra Nabaayotiille ciinca'aaf itti hin fayyadanta. Isaan marti addee ciinca'aa irratti fudhatama hin dhaggatan. Mootiin Waan Maraa Galma ifii ka ulfinnaa irra caalaa akka ulfinna dhaggatu hin godha.
ISA 60:8 Worri akka duumensaatii fi akka saphaliisa gara mandhee ifii koolaan ka'uu, fiigu kun eennu fa'a?
ISA 60:9 Dhugumaan ilmaan teeti worri oddoola keessaa addi'iin Mootii Waan Maraa hin eegatan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Woyyichi Israa'elii ulfinna waan sii kenneef, ulfinna isaatiif jedhanee, ilmaan teeti fagoo irraa, meeti'ii fi worqii isaanii woliin fidiisaaf hobolooti gugurdoon Tarshiishii hin dursiti.
ISA 60:10 Mootiin Waan Maraa Yerusaalemiin, «Worri ormaa dalleya keeti ka dhaka'aa deebisanee hin ijaaran; moototi isaaniille si hin tajaajilan; ani aaree si adabeeraayyu; amma ammoo jaala kiyyaan si hin marara.
ISA 60:11 Gosi biyya adda addaa karra ifii gara keeti akka fidanuuf, moototi isaaniille tarre'een akka ol seenanu, seensumi karra teetii yennaa mara banamee tee'a; halkanii fi guyyaalle hin cufamu.
ISA 60:12 Kolba'aa fi mootummooti si hin tajaajille hin badan; isaan ijjumaa hin badan.
ISA 60:13 «Addee Galma kiyyaa ittiin seesiisaaf, muka gugurdaa Libaanonii hindheensa, muka shuwaashuwwe'eetii fi sookkee gara keeti hin fidan; ani addee miilli kiyya ijjatu tana hin ulfeessa.
ISA 60:14 Ilmaan worra si cunqursee, sagadaa gara keeti hin dhufan. Worri dur si tuffate marti miila keetitti hin jigan. Isaan, ‹Qachaa Israa'elii woyyicha ka teete, qachaa Mootii Waan Maraa Xiyoon› jedhanee si hin waaman.
ISA 60:15 «Ati ta lakkifante, ta jibbatante, ta nami tokkolle si keessa hin dabarre teetulle, ani haga bara baraa ta ittiin kooranu si hin godha; dhaloota maraafille addee gammadaa si hin godha.
ISA 60:16 Akkuma ijoolleen harma haadha ifii hootu, atille qabeenna gosa biyya adda addaatii fi moototaa, hin hoota. Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa, hunnaamessi Yaaqoobii, ka si fayyisuu fi ka si wodu akka te'e hin beetta.
ISA 60:17 «Ani addee sageettu'uu worqii, addee sibiilaa meetii, addee mukaa sageettuu, addee dhaka'aa sibiila si'iif hin fida. Ani nageya mootii keeti, balchummaalle bulchaa keeti hin godha.
ISA 60:18 Haganaa achi biyya teeti keessatti, hunnaan nama irratti ka'iis, meessaa keetitti diigamiisi yookiin badiisi hin jiraatu. Ati ammoo dalleya dhaka'aa ka qachaa keetii, ‹Fayyinna›, seensuma karra teetiille, ‹Leellisa› jettee hin waanta.
ISA 60:19 «Ani Mootiin Waan Maraa ifa bara baraa, Waaqi keeti ulfinna waan sii te'uuf, haganaa achi guyyaa aduun, halkan jiin ifa si'iif hin te'u.
ISA 60:20 Aduun teeti deebitee hin seentu; jiin keetille ifiisa hin lakkisu. Ani Mootiin Waan Maraa ifa bara baraa si'iif hin te'a barri gadda keetiille hin dhumata.
ISA 60:21 Achiin duuba kolbaan teeti marti balchoolee hin te'an; isaan lafa san haga bara baraa hin dhaalan. Isaan ulfinna kiyya mudhisiisaaf biqiltuu ani harka kiyyaan dhaabe.
ISA 60:22 Maatiin diqqoon kuma hin teeti; ta mara caala diqqo'oo kolbaa jadduu hin teeti. Ani Mootii Waan Maraa ti; yennaa isi'iititti tana mara ariifadhee hin muummessa» jedha.
ISA 61:1 Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira; akka ani oduu gammadaa worra cunqurfameef lallabu, na muudeera. Worra gadhaan isaanii madaye akka ani fayyisuuf, worra booji'ame akka ani bilisa baasuuf, worra hidhame akka ani hiikuuf, Mootiin Waan Maraa na ergeera.
ISA 61:2 Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi guyyaa Waaqi keenna haluu bawu, akka ani lassuuf, worra bowu mara akka ani jajjabeessuuf, Mootiin Waan Maraa na ergeera.
ISA 61:3 Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru, mata'atti addee daadhaa firfirfatanu marata dansaa akka ani itti maru addee bowanu, zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu, addee ayyaana gaddaa, woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf, na ergeera. Isaan, «Qilxaa balchumma'aa, ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.
ISA 61:4 Isaan diigama durii deebisanee hin ijaaran; waan dur baddelle adde'etti hin deebisan. Qachoota dhaloota heddu'uun dura diigamee bade deebisanee hin haaressan.
ISA 61:5 Alagaan hoolee teessan isiniif hin tissa; fichaa keessan isiniif hin qota; oorruu muka woyni'ii teessan keessa isiniif hin huja.
ISA 61:6 Isin ammoo, «Hayyoota Mootii Waan Maraa, tajaajiltoota Waaqa keennaa» jedhantanee hin waammatan. Isin qabeenna gosa biyya adda addaa hin nyaattan; durummaa isaaniitiin hin koortan.
ISA 61:7 Kolbaan tiyya addee qaani'ii qooda harka lama hin fudhatti; addee salphinnaa dhaala ifiititti hin gammaddi; qooda lafa ifii harka lama hin fudhatti; haga bara baraalle hin gammaddi.
ISA 61:8 Ani Mootii Waan Maraa haqa waan jaaladhuuf, saamichaa fi yakkaa jibba. Ani addatamummaa tiyyaan kolbaa tiyyaaf gatii hujii isaanii hin keenna; isaan wolille'een gondooroo bara baraa hin godha.
ISA 61:9 Sanyiin isaanii gosa biyya adda addaa keessatti, ijoolleen isaaniille kolbaa oddu'utti hin beekkanti; nami isaan dhaggu marti isaan kolbaa Mootiin Waan Maraa eebbise akka te'ane hin beeka.
ISA 61:10 Ani Mootii Waan Maraatiin guddoo gammada; lubbuun tiyyalle Waaqa kiyyaan firinxiixxi. Akkuma waajibichi akka hayyu'uu marata mata'atti maratu, akkuma waajibittiin dooqaan ifi seefattu, inni woyaa fayyinnaa natti uffiseera; bullukkoo balchumma'aalle itti dabalee natti uffiseera.
ISA 61:11 Akkuma latti biqiltuu biqilchitu, akkuma oorruun sanyii itti facaafante lachisiittu, Goottaan Mootiin Waan Maraa, balchumma'aa fi leellisi gosa biyya adda addaa duratti akka lattu hin godha.
ISA 62:1 Balchummaan isi'ii akka aduu ganamaa, fayyinni isi'iille akka xassaa bobe'uu haga issutti, ani marroo Xiyoonii hin cadhisu; marroo Yerusaalemii hin sarmu.
ISA 62:2 Gosi biyya adda addaa balchummaa teeti, moototi marti ulfinna keeti hin dhaggan; maqaa haareya Mootiin Waan Maraa sii kennuun hin waamanta.
ISA 62:3 Ati harka Mootii Waan Maraatitti akka kallacha ulfinnaa, harka Waaqa keetiititti akka kallacha mooti'ii hin teeta.
ISA 62:4 Ati haganaa achi, «Ta lakkifante» hin jedhantu, yookiin «Lafa duwwaa» hin jedhantu; Mootiin Waan Maraa waan sitti gammaduuf, latti teetille abbaa manaa waan qabaattuuf, ati ammoo, «Gammadi kiyya isi'iin» jedhantee hin waamanta; latti teetille, «Dubartii abbaa manaa qaddu» jedhantee hin waamanti.
ISA 62:5 Akkuma dargaggeessi durra fuudhu, ilmaan teeti si hin fuuti. Akkuma waajibichi waajibittii ifiititti gammadu, Waaqi keetille si'itti hin gammada.
ISA 62:6 Ee Yerusaalem, ani dalleya dhaka'aa keetii irra, eeddota keyeera; isaan halkanii fi guyyaa ijjumaa hin cadhisanu. Isin worri Mootii Waan Maraa waammatanu hin foorfatina'a.
ISA 62:7 Haga Mootiin Waan Maraa qachaa Yerusaalemii deebisee ijaarutti, kolbaan marti haga isii leellittutti foora isaaf hin kennina'a.
ISA 62:8 Mootiin Waan Maraa harka ifii middicha, irree ifii jaddu'uun kakatee, «Ani deebi'ee diinni keeti midhaan keeti akka nyaatu, daadhii woynii teeti ta ati itti elootte, ormi akka unu hin godhu.
ISA 62:9 Isin worri midhaan galfattanu ammoo, midhaan san nyaattanee Mootii Waan Maraa hin leellifattan; isin worri midhaan woyni'ii guurattanu, badhinna Galma kiyyaa keessatti daadhii woyni'ii hin untan» jedhe.
ISA 62:10 Kolbaa Yerusaalemii, karaa karra qacha'aatiin dabara'a; kolba'aafille karaa qopheessa'a! Karaa guddaa baasa'a; dhakaa karaa keessaa kaasa'a; gosa biyya adda addaatiif baandiraa ol kaasa'a.
ISA 62:11 Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa Xiyooniitiin, ‹Kunoo, fayyisaan keessan dhufaara; gatiin inni isinii kennu, wonni inni isiniif kaffalu harka isaa jirti› jedha'aan» jedhee, haga qaccee biyya lafaatitti lasseera.
ISA 62:12 Isaan, «Kolbaa Woyyittii, ta Mootiin Waan Maraa wode» jedhamane hin waamaman. Yerusaalemille, «Qachaa barbaadamu, ka hin lakkifanne» jedhantee hin waamanti.
ISA 63:1 Ka woyaa diintuu uffatee, biyya Edoomii, qachaa Bozraa irraa dhufiisatti jiru kun eennu? Ka woyaa dansaa uffatee, hunna ifii guddo'oon as dhufiisatti jiru kun eennu? Inni, «Ani, Mootii Waan Maraa ka balchumma'aan dubbatu, ka fayyisiisaaf hunna qabu» jedha.
ISA 63:2 Nami tokko, «Woyaan teeti akka woyaa worra woynii cunfuu, maaf diimatte ree?» jedhee gaafata.
ISA 63:3 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani qofii tiyya woynii cunfeera; gosa biyya adda addaa keessaa nami tokkolle na woliin hin jiruuyyu. Ani aarii tiyyaan isaan irra sirbee, mufii tiyyaan isaan butuche; dhiigi isaanii woyaa tiyyatti faffaca'ee, woyaa tiyya halle.
ISA 63:4 Ani guyyaa haluu itti bayu murteesseera; barri ani kolbaa tiyya wodulle dhikaateera.
ISA 63:5 Ani adaala kiyya ilaale; nama na qarqaaru tokkolle dhabe. Nama qarqaaru waan dhabeef maadeffadhe. Maarre, irreen tiyya fayyinna naa fiddee, mufiin tiyya na qarqaarte.
ISA 63:6 «Ani aarii tiyyaan gosa biyya adda addaa irra sirbe; mufii tiyyalle'een isaan macheessee, dhiiga isaanii lafatti dhangalaase» jedhee hin deebisa.
ISA 63:7 Ani jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa, waan nuuf godhe maraaf, hujii inni ittiin leellifamu, akka marartii ifiitii fi jaalala ifii ka bara baraatitti, Waan guddoo dansaa inni Israa'eliif godhe hima.
ISA 63:8 Inni isaaniin, «Isaan dhugumaan kolbaa tiyya; ilmaan na hin sonne» jedheera; tanaaf inni fayyisaa isaanii te'e.
ISA 63:9 Yennaa isaan rakkatanu mara innille rakkate; ergamaan isaa ka isa bira jiru isaan baase. Inni jaalala ifiitii fi marartii ifiitiin isaan wode; inni bara duriitii jalqabee yennaa mara ol fuudhee isaan ba'ate.
ISA 63:10 Isaan ammoo finqilanee, ayyaana woyyicha isaa gaddisiisane. Tanaaf, inni garagalee diina isaanii te'ee, ifumaaf isaan lole.
ISA 63:11 Achiin duuba kolbaan bara durii, bara Muuse'eetii fi Israa'eloota isa woliin jirtu qaabattee, «Ka sooressitoota woliin kolbaa ifii abbaayaa keessa akka gamatti bu'anu godhe, ka ayyaana woyyicha ifii isaan keessa keye meet?
ISA 63:12 Irree ifii ta ulfinna qadduun ka midda Muuse'ee dhaabbate, ka ulfinna maqaa ifii bara baraan akka beekkamu godhiisaaf, isaan duratti bisaan gargar kute eennu?
ISA 63:13 Akka farda lafa duwwaa keessa ideemuu, qilee bisaanii keessa adoo hin gufatin akka isaan gamatti bu'anu ka godhe eennu?
ISA 63:14 Akka loon dirre'etti gad bu'anee foorfatanuu, ayyaanni Mootii Waan Maraa akka isaan foorfachiisu ka godhe eennu?» jetti. Ulfinni maqaa keetii akka beekkamuuf ati kolbaa teeti akka kanaan sooressite.
ISA 63:15 Ee Mootii Waan Maraa, barcumaa mootumma'aa keeti woyyicha, ka ulfinna qabuu fi ol aanaa irraa ol-gubba'aa gad nu ilaali! Hinaaffa'aa fi hunni teeti meet ree? Gadhi-laafumma'aa fi marartiin teeti nu irraa fagaatteerti.
ISA 63:16 Ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; Abrahaam nu beekuu dhabulle yookiin Israa'el nu qaabbii dhaddulle, ati ammoo abbaa keenna. Maqaan keeti duruuyyuu wodoo teenna.
ISA 63:17 Ee Mootii Waan Maraa, maaf akka nuuti karaa keeti irraa gorru nu goota? Akka nuuti si hin sodaaneefille, maaf gadhaa keenna jabeessita? Tajaajiltoota teetii fi gosa dhaala keeti te'aneef jedhiitii deebi'i.
ISA 63:18 Kolbaan teeti woyyittiin yennaa diqqo'oof, addee woyyittii teeti dhaalte; amma ammoo, diinoti keenna addee woyyittii teeti irra sirbane.
ISA 63:19 Nuuti akka worra ati dur ijjumaa bulchitee hin beennee, akka worra maqaa keetiin waamamee hin beennee teeneerra.
ISA 64:1 Akka gaaroti si sodaatanee raafamanu, ol-gubbaa tarsaattee adoo gad buutee, maaloo!
ISA 64:2 Akkuma nami haasume'een ibidda bobeessee, ibiddi sun bisaan danfisu, gosi biyya adda addaa si duratti akka hollattu, gad bu'iitii diinota keetitti maqaa keeti beessisi.
ISA 64:3 Waan nuuti hin yaadatin, waan sodaachisu yennaa goote, ati gad buutee gaaroti si duratti hollatane.
ISA 64:4 Worra isa addi'iin eegatuuf ka maadee huju, Waaqi akka keetii ka dhibiin tokkolle hin jiru; durii jalqabee dhage'amee, dhaggameelle hin beekkamu.
ISA 64:5 Ati worra hujii sirri'ii gammadaan hujuu fi worra karaa keeti qaabatu qarqaarta. Nuuti cubbuu ittuma waan hunyeef, ati nu irratti mufatte. Maarre nuuti attam fayyuu dandeenna ree?
ISA 64:6 Nuuti marti cubbu'uun xuroonneera; hujiin teenna balchittiille akka hoccuu xuri'ii teeteerti. Cubbuun teenna akka baala qooree qilleensi haxowee deemuu, nu mara haxoottee ideenteerti.
ISA 64:7 Ati fuula keeti nu irraa deebifattee, cubbuu teennatti dabarsitee waan nu kenniteef, nami maqaa keeti waammatu tokkolle hin jiru; nami gara keeti deebi'iisaaf wodhaanulle hin jiru.
ISA 64:8 Te'uu malee, ee Mootii Waan Maraa, ati abbaa keenna; nuuti faara; ati faara irraa nu hujje. Nuuti marti hujii harka keetii ti.
ISA 64:9 Nuuti marti kolbaa teeti waan teeneef, ee Mootii Waan Maraa! Maganne'e, gara keenna ilaali; akka malee nutti hin aarin; haga bara baraa cubbuu teenna nutti hin laakkowin.
ISA 64:10 Qachooti woyyichi keeti akka goomole'ee duwwaa te'eera; Xiyooninuu duwwaa teeteerti; Yerusaalem duwwaa teeteerti.
ISA 64:11 Galmi woyyichi keenna ka ulfinna qabu, addeen abbootiin teenna ta durii itti si leellifatte, ibiddaan gubame; wonni nu gammachiisu marti diigame.
ISA 64:12 Ee Mootii Waan Maraa, tun marti yennaa nu irra dhaqqaddu, ati nu hin qarqaartuu ree? Ati cadhittee akka malee nu hin adaddaa ree?
ISA 65:1 Mootiin Waan Maraa, «Ani worra na hin daadimatinitti ifi mudhise; worra na hin barbaadinitti mudhadhe. Kolbaa maqaa kiyya hin waammanneen, ‹Ani as jira; ani as jira› jedhe.
ISA 65:2 Ani guyyaa guutuu harka kiyya gara kolbaa finqiltu'uu, ta karaa dansaa hin te'in ideentuu, ta yaada hamaa ifii hordottuu badhise.
ISA 65:3 Kolbaan tun fuula kiyya duratti, oorruu keessatti ciincaa dhikeessiisaan, faara loobame irratti hixaana aarsiisaan, yennaa mara na aarsiti.
ISA 65:4 Isaan awwaala odduu tee'an; halkanille addee dhokatte bulan; foon booyye'ee nyaatan; shorbaan foon batti'i okkotee isaanii keessa guuteera.
ISA 65:5 Isaan, ‹Nuuti woyyoota waan teeneef, nu irraa fagaadha'a; nutti hin dhikaatina'a!› worra jedhu. Kolbaan akkasii akka ibidda guyyaa guutuu bobe'uu, aariin tiyya akka bobeettu gooti.
ISA 65:6 «Kunoo, yakkaan isaanii na duratti barreeffanteerti; ani guutumatti gatii isaanii hin kennaaf malee, hin cadhisu; akkuma hujii isaaniititti mataa isaanitti hin deebisa.
ISA 65:7 Isaan gaarota irratti hixaana waan aarsaneef, koobota irralle'etti waan na faanshessaneef, yakkaa isaaniitii fi yakkaa abbootii isaanii, akkuma hujii isaanii ta durii sanitti mataa isaaniititti hin deebisa» jedha.
ISA 65:8 Mootiin Waan Maraa ammalle, «Akkuma namooti unkuruurri woyni'ii damee muka woyni'ii irra adoo jiruu, ‹Eebbi isa keessa waan jiruuf, hin balleessina'a› jedhanu, anille tajaajiltoota kiyyaaf jedhee, akkasuma godha malee, isaan mara hin balleessu.
ISA 65:9 Yaaqoobiif ijoollee hin kenna; Yihudaalle gaarota kiyya akka dhaalu hin godha; kolbaan tiyya ta ani filadhe addee san hin dhaalti; tajaajiltooti tiyyalle achi keessa hin leeti.
ISA 65:10 Kolbaa tiyya ta na barbaadduuf, Shaaron addee hoolee itti tiffatanu, dhooqi Aakorille addee horiin ciisu hin teeti.
ISA 65:11 «Isin worra ana Mootii Waan Maraa lakkittanee, gaara woyyicha kiyya deetanee, waaqa dharaa ka, ‹Milkii› jedhamuuf, qorii qopheessitanee, worra waaqa dharaa ka, ‹Hixaa› jedhantuufille, daadhii woyni'ii ta makante muduunu'utti guuttaneefii,
ISA 65:12 yennaa ani isin waame, waan hin owwaatiniif, yennaa ani dubbadhelle waan hin caqasiniif, na duratti waan hantuu hujjanee, waan na hin gammachiinne waan gootaneef, ani shallaaga'atti dabarsee isin hin kenna; isin marti qalamiisaaf gad hin jettan» jedha.
ISA 65:13 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Tajaajiltooti tiyya hin nyaatti; isin ammoo hin beelottan; tajaajiltooti tiyya hin unti; isin ammoo hin dheebottan; tajaajiltooti tiyya hin gammaddi; isin ammoo hin qaanottan.
ISA 65:14 Tajaajiltooti tiyya gadhaa ifii keessatti gammaddee hin faarfatti; isin ammoo gadhaa keessan keessatti waan gadditanuu fi addii waan kutatanuuf, wiiccifatanee hin boottan.
ISA 65:15 Worri ani filadhe maqaa keessan jecha abaarsaa akka godhanu hin godha. Tanaaf ani Goottaan Mootiin Waan Maraa isin hin fixa; tajaajiltoota tiyya ammoo maqaa haareyaan hin waama.
ISA 65:16 Rakkinni durii dedhamee ila tiyya duraa waan dhokateef, nami lafa san keessatti eebbisu, maqaa ana Waaqa dhuga'aatiin hin eebbifama; nami lafa san keessatti kakatu, maqaa ana Waaqa dhuga'aatiin hin kakata» jedha.
ISA 65:17 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani ol-gubboota haareyaa fi lafa haareya hin dada; wonni dur te'e hin qaabatantu yookiin hin yaadatantu.
ISA 65:18 Kunoo, ani Yerusaalem qachaa gammadaa, kolbaa isi'iille worra gammadu waan godhuuf, isin waan ani dadutti haga bara baraa gammada'aatii, ilillisa'a.
ISA 65:19 Ani Yerusaalemii fi kolbaa tiyyatti hin gammada; haganaa achi qoonqoon bowaatii fi iyyaa achi isii keessatti hin dhage'antu.
ISA 65:20 Achi keessa finni yennaa diqqoo qofa le'u yookiin jaarsi dulloomee bara ifii adoo hin muummeffatin du'u hin jiraatu. Nami woggaa dhibba le'ee du'uuyyuu, akka waan dargaggumma'aan du'eetitti, nami woggaa dhibba adoo hin geyin du'ulle akka nama abaarameetitti laakkowama.
ISA 65:21 Isaan mana ijaarratanee keessa hin le'an; muka woyni'iille dhaabbatanee, midhaan isi'ii hin nyaatan.
ISA 65:22 Haganaa achi mana isaan ijaarratanu keessa nami dhibiin hin le'u yookiin waan isaan dhaabbatanu nami dhibiin hin nyaatu. Kolbaan tiyya akka mukaa bara dheeraa hin leeti. Worri ani filadhelle waan harka ifiitiin hujanetti bara dheeraa hin gammadan.
ISA 65:23 Isaan elo'otti hin hafanu; ijoolleen isaaniille dedhuma du'iisaaf hin dhalattu; isaanii fi sanyiin isaanii kolbaa ani Mootiin Waan Maraa eebbise hin te'an.
ISA 65:24 Adoo isaan na hin waammatin, ani isaaniif hin owwaadha; adoo isaan dubbatiisatti jiranuu, ani isaaniif hin dhage'a.
ISA 65:25 Yayyi'ii fi ilmooleen hoole'ee woliin hin dheedan; neenqille akka sanga'aa hicaacee hin nyaata; dhudhuufaan ammoo bukuu hin nyaata. Isaan gaara woyyicha kiyya irratti woy hin miidhanu yookiin woy hin balleessanu» jedha.
ISA 66:1 Mootiin Waan Maraa, «Ol-gubbaan teessoo tiyya; lattille ijjata miila kiyyaa ti. Isin eessatti mana naaf ijaartan? Addeen foora kiyyaalle eessa?
ISA 66:2 Tana mara harka kiyyattuu huje; wonni martinuu tiyya. Ani gara worra gad ifi qabuu, gara worra mataa hin jabaanneetii fi gara worra jecha kiyya sodaatuu hin ilaala.
ISA 66:3 «Nami korma qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama, nama ijjeesuu ti; nami hoolee qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama morma sare'ee cassuu ti; nami kennansa midhaanii naaf dhikeessu, akka nama dhiiga booyye'ee naaf dhikeessuu ti; nami hixaana yaadanno'oo naaf aarsu, akka nama waaqa dharaa waaqonsuu ti. Worri akkasii karaa ifii filatee, battummaa ifiititti gammada.
ISA 66:4 Ani yennaa isaan waame, waan na jalaa hin owwaatiniif, yennaa isaanitti dubbadhe, waan hin dhage'iniif, isaan na duratti waan hantuu hujanee, waan na hin gammachiinne waan godhaneef, anille rakkinni akka isaanitti dhufu godhee, waan isaan bararaqanu isaanitti hin fida» jedha.
ISA 66:5 Isin worri jecha Mootii Waan Maraa sodaattanu, jecha Mootii Waan Maraa kana dhage'a'a. Mootiin Waan Maraa, «Isin obboleeyyan teessan ta isin jibbite, sababa maqaa kiyyaatiif ta isin gatte, isiniin ‹Mootiin Waan Maraa ulfaatuu tii, me! Gammada keessanille dhagginuu tii, me!› ta jette, hin qaanotti.
ISA 66:6 Hogaa qachaa keessaa, qoonqoo Galma Waaqaa keessalle dhage'a'a! Qoonqoon tunille qoonqoo Mootiin Waan Maraa diinota ifiitiif gatii kenniisatti jiruu ti.
ISA 66:7 «Dubartiin adoo hin ciniinsifatin hin deetti. Ciniinsuun adoo isii hin jalqabin ilma hin deetti.
ISA 66:8 Nami waan akkasii dhage'ee beekuu fi dhaggee beeku jiraa? Biyyi takka guyyaa tokkotti hin dadantii? Yookiin kolbaan yennaa diqqoo keessatti hin dhaggantii? Xiyoon akkuma ciniinsifatteen ijoollee ifii deetti.
ISA 66:9 Ani dubartii deyiisa geette akka hin deenne hin godhaa? Yennaa dubartiin deettu, ani ka gadaamessa cufuu?» jedha.
ISA 66:10 Isin worri Yerusaalem jaalattanu marti isii woliin gammada'aatii firinxiixa'a. Isin worri isi'iif boottane marti isii woliin guddoo gammada'a.
ISA 66:11 Harma isi'ii ka jajjabeessu haga quuttanutti hin hootan; karra isi'ii baca'aan hin gammaddan.
ISA 66:12 Mootiin Waan Maraa, «Ani nageya Yerusaalemiif akka lagaa hin dhangalaasa; karra gosa biyya adda addaalle akka madda bisaanii gara isi'ii hin lolaasa; isiin habbaarattee isin hin hoosifatti; gudeeda ifii irralle'etti isin hin tassiifatti.
ISA 66:13 Akkuma haati ijoollee ifii jajjabeessitu, anille isin hin jajjabeessa; isinille Yerusaalem keessatti hin jajjabaattan.
ISA 66:14 Isin tana yennaa dhaggitanu gadhaan keessan hin gammada; lafeen teessanille akka marraa hin bisilti; irreen tiyya tajaajiltoota tiyya woliin akka jirtu hin beekkanti; mufiin tiyya ammoo diinota kiyya irratti hin mudhatti» jedha.
ISA 66:15 Kunoo, Mootiin Waan Maraa ibiddaan dhufiisatti jira; garreettoti fardaan harkifamu ka isaalle akka hobonbolatti'ii ti; inni aarii ifii mufi'iin, xixxaa ifii bobe'a ibiddaatiin hin mudhisa.
ISA 66:16 Mootiin Waan Maraa ibiddaa fi shallaagaa ifiitiin nama maratti waan muruuf, nama hedduu hin fixa.
ISA 66:17 Mootiin Waan Maraa, «Worri addee oorru'uutitti waaqota ifii keessaa tokko waaqonfatiisaaf dhaqee, ka ifi woyyoonsee ifi qulqulleessu, foon booyye'eetii fi foon hantuutaa, waan battiille worri nyaatu adduma tokko hin badan.
ISA 66:18 Ani hujii isaaniitii fi yaada isaanii waan beekuuf, dhufee gosa biyya adda addaa ta afaan adda addaa dubbattu mara wolitti hin qaba; isaanille dhufanee ulfinna kiyya hin dhaggan.
ISA 66:19 Ani odduu isaaniititti baandiraa hin dhaaba; isaan keessaa worra jiru'uun hafe gara gosa biyya adda addaa: gara kolbaa Tarshiishii, gara kolbaa Fuxii, gara kolbaa Ludii ta guube'een loltuu, gara kolbaa Tubaaliitii fi Yaawaanii, gara kolbaa oddoola fago'oo ka worra gurra kiyya hin dhage'inii yookiin ulfinna kiyya hin dhagginii hin erga; isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna kiyya hin lassan.
ISA 66:20 Isaan obboleeyyan ifii ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessiisaaf, gosa biyya adda addaa mara keessaa fardo'oon, garreettaa fardo'oon harkifamuun, garreetta'aan, gaange'ee fi gaalaan gara gaara kiyya woyyicha Yerusaalem keessaa hin fidan; akkuma Israa'elooti kennansa midhaanii meya qulqullu'uun gara Galma kiyya Woyyichaa dhikeessanu, isaanille obboleeyyan ifii tana hin dhikeessan.
ISA 66:21 Anille isaan keessaa garii hayyootaa fi Lewwoota akka te'anuuf hin filadha.
ISA 66:22 «Akkuma ol-gubbooti haarettii fi latti haaretti ta ani dadu na dura haga baraa jiraatanu, sanyiin teessanii fi maqaan keessan fuula kiyya dura yennaa mara hin jiraata.
ISA 66:23 Baatii ji'a tokkoo irraa haga baatii ji'a kaanii, Sanbata tokko irra haga Sanbata kaanii, nami marti na waaqonfatiisaaf hin dhufa.
ISA 66:24 Achiin duuba gad bayanee reeffa kolbaa na finqiltee hin dhaggan. Corroxxi isaan nyaattu hin duutu; ibiddi isaan gubulle hin dhaamu; isaan nama mara duratti hin diqataman» jedhe.
JER 1:1 Dubbiin Ermiyaasiin ilmi Hilqiiya'aa dubbate ta asii gad jirtu; abbaan isaa hayyoota lafa Beniyaaminii keessaa worra qachaa Anaatotii keessa jiranu keessaa tokko.
JER 1:2 Ilmi Amoonii Yosiyaas mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa kudhanii sadeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe.
JER 1:3 Ammalle bara mootummaa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasii mootii Yihuda'aatii, haga dhuma woggaa kudhanii tokkeessoo mootummaa Zedeqiiyaa ilma Yosiyaasiititti, wogguma san keessa haga ji'a shaneesso'oo ta kolbaan Yerusaalemii itti booji'antetti jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufe.
JER 1:4 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
JER 1:5 «Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe.
JER 1:6 Anille deebisee, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa, ani ijoollee waan te'eef attam akka dubbadhu hin beeku» jedhe.
JER 1:7 Mootii Waan Maraa ammoo anaan, «Gara ani si ergu mara dhaqiitii, waan ani si ajaju mara godhi malee, ‹Ani ijoolle'e› hin jedhin.
JER 1:8 Ani si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan hin sodaatin» jedhe.
JER 1:9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa harka ifii diriirsee hidhii tiyya tuqee, anaan, «Kunoo ani jecha kiyya ka ati dubbattu afaan keeti keessa keyeera;
JER 1:10 akka buqqituu fi akka diiddu, akka balleessituu fi akka garagalchitu, akka ijaartuu fi akka dhaaddu, gosa biyya adda addaatii fi mootota irratti si muudeera» jedhe.
JER 1:11 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Ee, Ermiyaas! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. Anille deebisee, «Damee muka ‹Almond› jedhamuu dhaggiisatti jira» jedheen.
JER 1:12 Mootiin Waan Maraalle, «Ee, sirri'itti dhaggiteerta; wonni ani jedhe haga muummottutti xiyyeeffadhee hin eega» jedhe.
JER 1:13 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, «Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. Anille deebisee, «Okkotee gara kaabaatii asi garagaltee danfitu takka dhagga» jedhe.
JER 1:14 Mootiin Waan Maraalle anaan, «Gara kaabaatiin kolbaa lafa irra leetu mara irratti badiin hin dhutti» jedhe.
JER 1:15 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo ani kolbaa mootummoota kaabaa keessa jirtu mara hin waama; moototi isaanii dhufanee, Yerusaalemii fi adaala dalleya isi'ii ka dhaka'aa mara, qachoota Yihuda'aa mara lolanee, barcumaa mootumma'aa ifii seensuma karra Yerusaalemii keessa hin keyatan.
JER 1:16 Kolbaan tiyya na lakkittee waan hantuu hujjee, waaqota dhibi'iif hixaana aarsitee, waan harka ifiitiin hujje waan waaqonfataneef, ani isaanitti hin mura.
JER 1:17 Ati ammoo ka'iitii hidha keeti hidhadhuu, waan ani si ajaju mara isaanitti himi. Ati isaaniif hin bararaqin; yoo bararaxxe, akka ati isaan duratti bararaxxu godha.
JER 1:18 Ati lafa Yihuda'aa mara, mootota Yihuda'aa, bulchitoota isi'ii, hayyoota isi'iitii fi kolbaa lafa sanii mara akka injifattuuf, kunoo, ani adha akka qachaa dalleya dhaka'aa qabuu, akka utubaa sibiilaa, akka dalleya sageettu'uu si godheera.
JER 1:19 Isaan si hin lolan, ani ammoo si baasiisaaf, si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu» jedhe.
JER 2:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
JER 2:2 «Dhaqiitii qoonqoo teeti ol qabadhuu, kolbaa qachaa Yerusaalemiitiin, Mootiin Waan Maraa, ‹Addatamummaa teessan ta yennaa dargaggumma'aa, jaalala keessan ka akka waajibittiin dhirsa ifii jaalattuu, goomolee lafa sanyiin hin facaafanne keessatti attam akka na hordottane hin qaabadha.
JER 2:3 «‹Kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraatiif woyyoonteerti; akka midhaan mata'aa ti; nama isaan miidhe maratti yakkaan muranteerti; badiille isa dhaqqaddeerti jedheera› jedhii himi» jedhe.
JER 2:4 Ee, isin sanyii Yaaqoobii, firri sanyii Israa'elii marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!
JER 2:5 Mootiin Waan Maraa, «Abbootiin teessan ta durii balleessaa maanii na irratti dhagganee, na irraa fagaatanee, waaqota dharaa ka gatii hin qanne waaqonfatanee, ifille'eef worra gatii hin qanne te'ane?
JER 2:6 Isaan, ‹Waaqi biyya Gibxi'ii keessaa nu baasee, lafa goomolee keessa, lafa boboollittii keessaa fi gammoojjii keessa, lafa goddu'uu fi dukkana dimma keessa, lafa nami keessa hin ideennee fi lafa nami keessa hin leene keessa ka nu sooresse eessa jira?› jedhanee hin gaafanne.
JER 2:7 Ani midhaan isi'iitii fi waan dansaa isiin baattu, akka isii irraa nyaattanuuf gara lafa laayyo'oo, isin fide; isin ammoo yennaa achi galtane lafa tiyya batteessitanee, lafa tiyya akka jibbatantu gootane.
JER 2:8 Hayyooti, ‹Mootiin Waan Maraa eessa jira?› jedhanee hin gaafanne; barsiisoti seeraa na hin beenne; sooressitooti na irratti ka'ane; raagoti maqaa ba'aaliitiin raaganee, waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofane.
JER 2:9 «Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa isiniin hin morma; ijoollee ijoollee teessaniitille'een hin morma.
JER 2:10 Tanaan qara wonni akkasii yoo teetee jiraatte, gara lafa Qophiroosii ta dur, ‹Kiitiim› jedhantuu gamatti bu'a'aatii ilaala'a; gara lafa, ‹Qedaar› jedhantuulle nama erga'aatii qorqora'a.
JER 2:11 Waaqota dharaa te'anulle, kolbaan waaqota ifii jijjiirte hin jirtu; kolbaan tiyya ammoo ana Waaqa ulfinna isaanii te'e waaqota dharaa ka gatii hin qannetti jijjiirte.
JER 2:12 Ee ol-gubba'a, waan kana baaseffadhu; sodaa guddo'oon holladhu.
JER 2:13 Kolbaan tiyya cubbuu lama hujjeerti; isaan ana madda bisaan jiru'uu lakkisanee, boolla urata qaddu ta bisaan itti hin eelle qotataneeran.
JER 2:14 Israa'el garbichaa? Yookiin garba manatti dhalatee? Yoo akkas hin te'in maaf diinni isa saama ree?
JER 2:15 Diinoti isa irratti akka neenqaa harqaneeran; lafa isaa balleessaneeran; qachooti isaa gubatanee, ona te'aneeran.
JER 2:16 Worri qachaa Memfiisiitii fi qachaa Taahafeneesii rifeensa mataa keetii haadane.
JER 2:17 Ee Israa'el, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka karaa keeti si sooresse lakkittee, kana mara ifi irratti fiddee motii ree?
JER 2:18 Bisaan laga Shiihorii uniisaaf gara biyya Gibxi'ii maaf dhaxxe? Bisaan laga Efraaxiisiille uniisaaf gara biyya Asoorii maaf dhaxxe?
JER 2:19 Hammeenni keeti akka adabantu si hin godha; naaf addatamummaa dhabiis keeti akka xixantu si hin godha. Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa waan lakkitteef, wonni hantuun hadhoottuun akka sitti dhuttu hubadhuu beeki!
JER 2:20 «Ee Israa'el! Ani bara duriitii jalqabee waanjoo teeti si irraa caccassee, hidhaa teeti si irraa kukkuteera; ati ammoo, ‹Ani si hin tajaajilu!› jettee, kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa jalatti sagaagaliisaaf irkatteerta.
JER 2:21 Ani akka muka woyni'ii filatamaa ka sanyiin isaa dansa'aa si dhaabeeyyu; ati attam akka muka woyni'ii badaa, ka baddaa keessaa teetee, na duraa jijjiirante ree?
JER 2:22 Haraanja'aa fi saamunaa baca'aan dhiqattelle xuriin yakkaa teetii haga ammaa fuula kiyya dura jirti.
JER 2:23 «Ati attam, ‹Ani hin battoonne, Ba'aalille hin hordonne› jetta ree? Dhooqa keessatti maan akka hujje yaadadhu; waan achi keessatti goote hubadhu. Ati akka gaala dhala'aa ka raragatee asii fi achi fiiguu ti.
JER 2:24 Ati akka harree diidaa ta goomolee keessa le'iisa baratte, ta yennaa rarragatte qilleensa suuttuu ti; rarragata isi'ii eentu qabbaneessuu dande'a? Ji'a isiin rarragatte san korommiin isii barbaadu, rakkinna malee isii laddatan.
JER 2:25 Ati haga kopheen miila keeti irraa dhumattutti, haga dheebottee laagadaan si gogutti hin rukkisin; ati ammoo, ‹Na dhooggiis keeti gatii hin qabu; ani waaqota ormaa jaaladheera; ani isaan hordofa› jette.
JER 2:26 Hattuun yennaa qabante akkuma qaanottu, kolbaan Israa'elii, moototi isi'ii, qondaaltoti isi'ii, hayyootii isi'iitii fi raagoti isi'ii marti hin qaanowan.
JER 2:27 Isaan mukaan, ‹Ati abbaa keenna›, dhakaa waaqota dharaatiin, ‹Sittuu nu deye› jedhan. Isaan dudda ifii gara kiyya deebisane malee, fuula ifii gara kiyya hin deebinne. Yennaa rakkinnaa ammoo, ‹Koyii nu fayyisi› jedhan.
JER 2:28 Ee worra Yihuda'aa, waaqoti dharaa ka isin hujattane meeti ree? Isaan yennaa rakkinna keessanii yoo isin fayyisanu teete, dhufanee isin fayyisanuu ti. Akkuma qachaan keessan baca'aa, waaqoti keessanille baca'a.
JER 2:29 Isin martinuu, na irratti kaataneertan; maaf na komattan ree?
JER 2:30 Ani akkasumaan kolbaa teessan adabe malee, isaan ifi hin sirreessine. Akka neenqa beelowee shallaagaa keessaniin raagota teessan fixxane.
JER 2:31 «Isin dhalooti bara kanaa, jecha Mootii Waan Maraa hubadha'a! «Ani Israa'eliif goomolee yookiin lafa dukkana dimmaa te'ee ree? Kolbaan tiyya maaf, ‹Nuuti waan feene goona, haganaa achi gara keeti hin deebinu› jetti?
JER 2:32 Durri seesa ifii yookiin waajibittiin woyaa ifii ta waajibumma'aa hin deetii ree? Kolbaan tiyya ammoo bara bacaa na deeteerti.
JER 2:33 «Ati worra si jaalatu gula deemiisaaf attam qaroomatte? Dubartooti akka malee hantu'uutuu waan kana si irraa baratan.
JER 2:34 Dhiigi worra hiyyeeyyii yakkaa hin qannee, ka hanna irratti hin qabaminii woyaa teetii irratti dhaggama; kana mara gooteelle,
JER 2:35 ‹Ani yakkaa hin qabu; dhugumaan Mootiin Waan Maraa natti hin aaru› jetta. Sababa ati, ‹Ani cubbuu hujee hin jiru› jetteef, ani si'itti hin mura.
JER 2:36 Ati maaf karaa keeti jijjiiratta? Akkuma worri Asoorii si qaanesse, akkasuma worri Gibxi'iille si hin qaanessa.
JER 2:37 Worra ati itti addatte Mootiin Waan Maraa waan tuffateef, isaanille si qarqaaruu waan hin dandeenneef, ati mataa qabattee, achii keessaa hin baata» jedha.
JER 3:1 Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko niitii ifii yoo lakkise, isiille isa lakkittee nama dhibii yoo heerumte, deebi'ee isii galfatiisa dande'aa ree? Latti ijjumaa hin battoottuu ree? Ati worra si jaalatu woliin sagaagalteerta; amma ammoo gara kiyya deebi'uu barbaaddaa ree?
JER 3:2 Qaccee koobota goddu'uu ol ilaali! Addeen ati irratti hin sagaagalle jirtii? Akkuma worri Arabaa lafa goomole'ee keessatti nama saamiisaaf eegatu, akkasuma atille karaa keessa teettee worra si jaalatu eegatte. Sagaagalumma'aa fi hammeenna keetiin lafa batteessite.
JER 3:3 Tanaaf tiifuun dhabantee, bokkeenni hageyyaalle bade. Ati ammalle amala sagaagalumma'aa waan qadduuf, qaanii dhaddeerta.
JER 3:4 «Ammalle ati na waamaa, ‹Abbaa kiyya, bara ijoollummaa tiyyaatiin jalqaddee jaala ka naa teete,
JER 3:5 ati yennaa mara aartaa? Aariin teeti haga bara baraatii?› jedhaa, ammoo hammeenna hujuu dandeettu mara hujja» jedhe.
JER 3:6 Bara Yosiyaas mootii te'eeru Mootiin Waan Maraa anaan, «Israa'eliin addatamummaa hin qanne waan hujje dhaggitee? Isiin kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa mara jalatti sagaagalteerti.
JER 3:7 Tana mara gooteen duuba gara kiyya hin deebiti seyeeyyu; isiin ammoo hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihudaan ta hin addatannelle tana dhaggiteerti.
JER 3:8 Ani Israa'elii dhugeeffannaa hin qanneef, sababa gaarayyeeffata isi'ii maraaf woraqata lakkeessaa kenneefii ari'e; te'uu malee obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne, tana dhaggitee akka hin sodaanne ani dhagge; isiille baatee sagaagalte.
JER 3:9 Isiin sagaagalummaa ifiitiin lafa batteessitee, dhaka'aa fi muka waaqonfatte.
JER 3:10 Tun marti teetee, obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne soddee gara kiyya waan deebite fakkaatte malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin deebine» jedhe.
JER 3:11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Yihudaa addatamummaa hin qanne caalaa Israa'elii dhugeeffannaa hin qannetti balcha'a.
JER 3:12 Dhaqiitii ergaa tana worra gara kaabaatitti lallabiitii, ‹Ee Israa'elii addatamummaa hin qanne gara kiyya deebi'i; ani mararaa waan te'eef haganaa achi ila aari'iitiin si hin ilaalu; haga bara baraa sitti hin aaru.
JER 3:13 Ati ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti finqiltee, naaf ajajamiisa dhabiisaan muka banqaaqaa mara jalatti, ulfinna keeti waaqota ormaatiif waan kenniteef, yakkuma teeti callaa beeki› jedhi.
JER 3:14 «Ee kolbaa addatamummaa hin qanne, ani abbaa manaa keessan waan te'eef, gara kiyya deebia'a'a! Ani isin keessaa qachaa tokko tokko keessaa nama tokko tokko, fira tokko tokko keessaa nama lama lama filee, gara Xiyoonii hin fida.
JER 3:15 Ani tissitoota worra akka gadhaa kiyyaa isiniif hin kenna; isaanille beekkumsaa fi hubanti'iin isin hin sooressan.
JER 3:16 Bara san yennaa laakkossi keessan lafa irratti bacatu, namooti, ‹Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa› jedhanee hin waamanu yookiin hin qalbeeffatanu yookiin hin qaabatanu; Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ka dhibiille hin hujanu.
JER 3:17 Yennaa san isaan Yerusaalemiin, ‹Barcumaa mootummaa Mootii Waan Maraa› hin jedhan; gosi biyya adda addaa marti ulfinna naa kenniisaaf Yerusaalem keessatti wolitti hin qabanti. Achiin duuba isaan mataa jabinnaan fedhii hantuu gadhaa ifii hin hordofanu.
JER 3:18 Bara san sanyiin Yihuda'aatii fi sanyiin Israa'elii lafa kaabaa ta itti booji'amane irraa wolitti deebi'anee, gara lafa ani abbootii isaaniitiif kennee hin dhufan.
JER 3:19 «Ani Mootiin Waan Maraa lafa gammachiittu, lafa kolbaa biyya dhibi'ii mara caalaa dansa'aa, si'iif kenniisaaf, akka ilmaan tiyyaatitti attam attam sitti gammada. Ati, ‹Abbaa kiyya› jettee na hin waanta; ‹Na hordofiisa irralle'ee hin deebitu› jedhee yaadadheeraayyu.
JER 3:20 Ee sanyii Israa'elii, isin ammoo akka niitii dhirsa ifiitiif hin addatannee, isinille naaf hin addatanne» jedhe.
JER 3:21 Kolbaan Israa'elii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deetee, karaa cubbu'uu waan hordotteef, iyyi bowiisaatii fi daadimata isaanii qaccee koobota goddu'uu irraa hin dhage'anti.
JER 3:22 Isin kolbaan addatamummaa hin qanne, addatamumma'aan gara isaa deebi'a'a! Inni adde'etti isin deebisee, worra addatamaa isin hin godha. Isinille, «Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan te'eef, gara isaa hin deebina.
JER 3:23 Koobotaa fi gaarota irratti waaqota dharaa waaqonfatiis gowwumma'a; dhugumaan Israa'el Mootii Waan Maraa Waaqa keennaan fayyiti.
JER 3:24 Bara ijoollummaa teennaatii jalqabanee waaqoti salphiyyeen sun eloo abbootii teennaa, hoolee isaanii, horii isaanii, ilmaan isaaniitii fi durra isaanii mara nyaatane.
JER 3:25 Nuutii fi abbootiin teenna ijoollummaa teennaa jalqannee, haga adhaatitti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuu hunyee, isaafille waan hin ajajaminiif, qaani'iin gad jinnee, salphinna akka woya'aa uffannuu ti» jettaneertan.
JER 4:1 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, yoo deebi'uu barbaaddane, gara kiyya deebi'a'a; waaqota dharaa keessan battii san ila tiyya duraa balleessitanee, worra addatamaa yoo naaf teetane,
JER 4:2 dhuga'aan, haqaa fi balchumma'aan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettanee yoo kakattane, gosi biyya adda addaa isaan hin eebbifanti; ulfinnalle isaan hin dhaggatti» jedha.
JER 4:3 Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'eliitiin, «Lafa hin qotamin qota'a; odduu qore'eetitti hin facaasina'a.
JER 4:4 Isin kolbaan Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu, ana Mootii Waan Maraa keessaniif adda ifi baasa'a; yoo diddane sababa hujii hantuu teessaniitiif aariin tiyya akka ibiddaa bobeettee isin hin fixxi; ka isii dhaanfu hin jiru.
JER 4:5 «Lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessatti tultullaa afuufaa, qoonqoo teessan ol qabadha'aatii, ‹Wolitti qabama'a! Gara qachoota dalleya dhaka'aa qabuu baqannuu ti!› jedha'a.
JER 4:6 Ani gara kaabaa irraa bala'aa fi badii guddoo waan fiduuf, baandiraa qabadha'aatii, adoo hin turin gara Xiyoonii baqadha'a.
JER 4:7 Ka gosa biyya adda addaa balleessu akka neenqa gongomaa keessaa bayuu, lafa teessan balleessiisaaf, qachoota keessan diigee, nami tokkolle akka keessa hin jiraanne godhiisaaf, addee ifii irraa karaa irratti bayeera» jedha.
JER 4:8 Maarre mufiin Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeettu, waan nu irraa hin deebi'iniif, woyaa gaddaa uffadha'aatii, wiiccifadha'aatii bowa'a.
JER 4:9 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san mootichii fi qondaaltoti isaa addii hin kutatan; hayyooti hin sheephitti; raagotille hin rifatti» jedhe.
JER 4:10 Achiin duuba ani, «Maaloo, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dandeettu, shallaagaan adoo morma keenna irratti aggatamee jiruu, ati ‹Nageenni isiniif hin te'a› jedhaa kolbaa tanaa fi Yerusaalemii attam attam sodde ree!» jedheen.
JER 4:11 Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san kolbaa tanaa fi Yerusaalem irratti, qilleensi gubu qaccee koobota goddu'uu irraa gara kolbaa tiyyaa hin dhowa; qilleensi sun ammoo midhaan hafarsiisaaf yookiin qulleessiisaafii moti.
JER 4:12 Ani isaanitti waan muruuf, qilleensi akka malee jaba'aa ajaja kiyyaan ergamee hin dhufa» jedhe.
JER 4:13 Yennaa san ani, «Kunoo, diinni akka duumensaa, garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu akka hobonbolatti'ii dhufan; fardooleen isaanii risaa caalaa xinnixxi; banne, aanne'e nu'uuf.
JER 4:14 Ee Yerusaalem, akka fayyittuuf, hammeenna gadhaa keeti keessaa dhiqadhuu baasi; haga yoomii hammeenni si keessa jiraata?
JER 4:15 Qachaa Daanii keessaa qoonqoon hin dhage'anti; koobota Efreemii irralle'ee badiin hin lallabanti.
JER 4:16 Waan kana gosa biyya adda addaatitti hima'a; Yerusaalemille'etti lassa'aatii, ‹Loltooti si marsitu biyya fago'oo irraa hin dhufan; qachoota Yihuda'aa loliisaaf, itti hin caancaan.
JER 4:17 Yerusaalem na irratti waan kaateef, akka namooti fichaa eegatanu, diinoti Yerusaalem hin marsan› jedha'a» jedhe.
JER 4:18 Ee Yihuda'a, ideensi keetii fi hujiin teeti tana si'itti fidde; tun adabama keeti; adabamiis keeti kun attam attam hadhowa'a; gadhaa keeti keessa dhaqqabeera.
JER 4:19 Hoola farra tiyya! Hoola farra tiyya! Ani dhibe'een gugguufe. Hoola laalaa gadhaa kiyyaa! Ani qoonqoo tultulla'aatii fi iyya lolaa waan dhage'eef, gadhaan kiyya na dhowata; ani ossuu hin dande'u.
JER 4:20 Badiin badii irratti dhutteerti; latti duudiin onteerti; dunkaaniin tiyyaa fi gollaan kiyya dedhuma badaneeran.
JER 4:21 Ani haga yoomii baandiraa lolaa ilaala? Haga yoomii qoonqoo tultulla'aalle dhage'a?
JER 4:22 Kolbaan tiyya gowwaa waan teeteef, na hin beettu. Isaan ijoollee woy hin baane, ta hubantii hin qanne. Isaan waan hantuu hujiisaaf ogeeyyi'i; ammoo waan dansaa attam akka hujanu hin beekanu.
JER 4:23 Ani lafa ilaale; kunoo isiin akka hin qaddu; duwwaalle'e. Ol gubbaalle ilaale; ifille irra hin jiru.
JER 4:24 Ani gaarota ilaale; kunoo, isaan tacho'iisatti jiran; koobotille martinuu raafamiisatti jiraniiyyu.
JER 4:25 Ani ilaale; kolbaan achi hin jirtu; sinbirreen marti kaatee baddeerti.
JER 4:26 Ani ilaale; latti midhaan baachu goomolee teete; aarii jadduu Mootii Waan Maraatiin qachooti martinuu Mootii Waan Maraa duratti diigameera.
JER 4:27 Mootiin Waan Maraa, «Latti marti ona hin teeti; te'uu malee, ani ijjumaa hin balleessu.
JER 4:28 Ani waan dubbadheef, yaada kiyyalle waan hin jijjiireef, ani murteeffadhee duubatti waan hin deebineef, latti hin bootti; ol-gubbaalle hin dukkanootti» jedha.
JER 4:29 Hogaa abbootii fardo'ootii fi worra guube'een loluutiin nami qachaa keessaa marti hin baqata. Gariin gongomaa keessa hin seenan; gariin rassaa hin yaaban. Qachooti martinuu duwwaa hin hafan. Nami tokkolle keessa hin le'u.
JER 4:30 Isin kolbaa baddane, maan hujiisatti jirtan? Woyaa diintuu uffattanee, seesa worqi'iille naqattanee, ila teessan maaf kuula dibatane ree? Isin akkasuma ifi seefattane malee, worri dur isin jaalatu, isin tuffateera; isaan isin ijjeesiisaaf barbaadan.
JER 4:31 Ani aadiisa akka dubartii ciniinsifattuu, ta finna qaraa deettuu takka dhage'e. Tunille iyya kolbaa Xiyoonii ta harka ifii diriirsitee, «Aanne'e! Nuuti gagganne! Harka worra nu ijjeesuutitti dabarfannee kennanne» jettu.
JER 5:1 Mootiin Waan Maraa, «Karaa Yerusaalemii irra olii fi gad ideema'a; adaala isi'ii ilaala'aatii hubadha'a badhinna isi'ii keessa barbaada'a. Nama haqa huju fi nama dhugaa barbaadu tokko yoo dhaggitane ani qachaa kanaaf hin araarama.
JER 5:2 Kolbaan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettulle, dharaan kakatti» jedha.
JER 5:3 Ee Mootii Waan Maraa! Ilti teeti dhugaa hin dhaggituu ree? Ati isaan dhootte; isaan ammoo hin dhukkuffanne. Ati isaan butuchite; isaan ammoo ifi sirreessuu didane. Isaan dhakaa caalaa mata-jabeeyyii te'anee, cubbuu ifii irraa deebi'uu didane.
JER 5:4 Achiin duuba ani, «Worri kun karaa Mootii Waan Maraa, seerata Waaqa ifiille waan hin beenneef, isaan worra hiyyeeyyi'i; gowwootalle'e» jedhee yaade.
JER 5:5 Maarre ani gara sooreyyii Yihuda'aa dhaqee, isaanitti hin dubbadha; isaan dhugumaan karaa Mootii Waan Maraa, seerata Waaqa ifiille hin beekan. Te'uu malee, isaan martinuu baallii Mootii Waan Maraa jalaa bayanee, isaaf ajajamiisa didaneeran.
JER 5:6 Tanaaf, Yakkaan isaanii guddoo waan teeteef, Waaqaaf addatamummaa dhabiis isaanii waan heddatteef, neenqi gongomaa keessaa bayee isaan hin ijjeesa; yayyiin goomolee keessaa isaan hin kukkutti; qeeransille nama gad bayu mara kukkutiisaaf, adaala qachaa isaaniititti isaan hin gaada.
JER 5:7 Mootiin Waan Maraa, «Ijoolleen teessan na lakkittee, waaqota dharaatiin waan kakatteef, ani attam yakkaa teessan isiniif araarama ree? Ani nyaachisee yennaa isaan quusse, isaan ammoo sagaagalane; mana sagaagaltootaatitti qonfoodane.
JER 5:8 Akka farda korma falanee, gaanaaf rarragatuu te'ane. Tokko tokkoon isaanii niitii jaala ifii fari'atan.
JER 5:9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree? Kolbaa waan akkanaa hujju haluu hin bayuu ree?
JER 5:10 Gara muka woyni'ii ka kolbaa tiyyaa ol baya'aatii balleessa'a! Ammoo ijjumaa hin balleessina'a; dameeleen isaa tiyya waan hin te'iniif irraa cira'a.
JER 5:11 Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa ijjumaa naaf hin addatanne» jedha.
JER 5:12 Isaan Mootii Waan Maraa irratti dhara dubbatanee, «Inni womaa nu hin godhu; hantuulle nutti hin dhuttu; woraana yookiin beelalle ijjumaa hin dhagginu.
JER 5:13 Raagoti akka qilleensaati malee, jechi Waaqaa isaan keessa hin jiru; wonni isaan dubbatanu isaanumatti garagaltuu ti!» jedhan.
JER 5:14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara dande'u, «kolbaan jecha akkasii waan dubbatteef anaan, ‹Inni womaa nu hin godhu› waan jetteef, ani jecha kiyya afaan keeti keessatti akka ibiddaa, kolbaa tanalle akka qoraanii hin godha; ibiddille isaan hin fixa.
JER 5:15 Ee kolbaa Israa'elii! Ani kolbaa isin irratti kaatu biyya fago'ootii hin fida; Kolbaan tun, kolbaa jaddu'uu fi kolbaa bara durii ta isin afaan isaanii hin beennee fi waan isaan dubbatanu hin hubanne.
JER 5:16 Gonofaan daaya isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti; marti isaanii loltoota jajjaba.
JER 5:17 Isaan midhaanii fi sagalee teessan hin nyaatan; ilmaanii fi ijoollee durraa teessan hin ijjeesan; hoole'ee fi horii keessan, muka woyni'iitii fi muka harru'uu keessan nyaatanee hin fixan. Qachoota keessan ka dalleya dhaka'aa qabanu, ka isin itti addattane shallaaga'aan diiganee hin balleessan.
JER 5:18 «Te'uu malee ani Mootiin Waan Maraa, guyyoota san kolbaa tiyya ijjumaa hin balleessu.
JER 5:19 Kolbaan, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna waan akkasii kana mara maaf nu irratti godhe?› jedhanee yoo si gaafatane, ati isaaniin, ‹Akkuma isin na lakkittanee, lafuma teessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltane, lafa teessan hin te'inille'etti orma hin tajaajiltan› isiniin jedha» jedhiin.
JER 5:20 Mootiin Waan Maraa, «Dubbii asii gadii tana sanyii Yaaqoobiititti hima'a; kolbaa Yihuda'aatille'etti lassa'a:
JER 5:21 Isin kolbaan gowwoole'ee fi hubantii hin qanne, tana dhage'a'a; isin ila qaddan ammoo hin dhaggitanu, gurralle qaddan ammoo hin dhageettanu,
JER 5:22 isin na hin sodaattanuu ree? Na duratti hin hollattanuu ree? Meessaa abbaaya'aa akka te'uuf maansa ka keye ana; abbaayaan meessaa san irra haga bara baraa hin dabartu; danbaliin kaatulle isa irra hin dabartu; abbaayaan huursitelle isa irra hin qaxxaamurtu.
JER 5:23 Kolbaan tun ammoo mata-jabeeyyi'ii fi ta na finqilte; isaan na irraa deebi'anee deemaneeran.
JER 5:24 Isaan gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqa keenna, ka bokkeya duraatii fi duubaa yennaa yennaa isaatitti nu'uuf kennu, midhaan yennaa isaatitti akka galfannu ka nu'uuf godhu kowaa sodaannaa› hin jedhanu.
JER 5:25 Yakkaan teessan tana isin irraa hamburteerti; cubbuun teessanille waan dansaa isin dhassiitteerti.
JER 5:26 «Worri hamaan ka akka nama sinbirree tiyyo'oon qabuu, dhokatee nama qabu odduu kolbaa tiyyaa jira.
JER 5:27 Akkuma manni sinbirre'eef ijaarame sinbirre'een guutamu, manni isaanii waan isaan sobaan dhaggataneen guutameera; tanaaf isaan worra gugurda'aa fi dureeyyii te'aneeran.
JER 5:28 Isaan gabbatanee cululuqaneeran; hammeennii isaanii haga hin qabu; ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef haqaan hin murre; mirga worra hiyyeessaatiifille hin falmine.
JER 5:29 Ani Mootiin Waan Maraa, Waan akkasii kanaaf, isaan hin adabuu ree? Kolbaa akkasii tana ani haluu hin bayuu ree?
JER 5:30 Wonni guddoo nama sodaachisuu fi bararassu lafa irratti te'eera.
JER 5:31 Raagoti sobaan raaga dubbatti; hayyooti gorsa raagotaatiin bulchiti; kolbaan tiyyalle waan akkasii kana jaalatti; yennaa muummeen dhuttu ammoo isin maan gootan ree?» jedha.
JER 6:1 Ee kolbaa Beniyaamii, wonni hantu'uu fi badiin guddoon gara Kaabaatiin waan dhufaartuuf, Yerusaalem keessaa baya'aatii baqadha'a! Teqo'aa keessatti tultullaa afuufa'aatii Bet-Hakereem irratti beessisa lolaa ol kaasa'aatii mudhisa'a.
JER 6:2 Qachaa Xiyoonii miidhaga'aa fi ka gammachiisu ani hin balleessa.
JER 6:3 Akkuma tissitooti naannoo takka qubatanee horii ifii tiffatanu, moototi diinaa loltoota ifii woliin dhufanee, adaala isi'iititti dunkaanii ifii hin dhaabbatan.
JER 6:4 Isaan, «Qachaa Yerusaalemii loliisaaf qophowa'a! Ka'a'a! Saafowaan lollaa! Latti waan dhiyaartuuf, gaaddiduulle dheerataa waan deemaa jirtuuf, aannee nu'uuf.
JER 6:5 Maarre ka'a'a! Halkaniin lollee, kushee qachaa Yerusaalemii san diinna» jedhan.
JER 6:6 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Qachaan Yerusaalemii ka cunqursiisaan guutame kun akka adabamuuf, mukoota mura'aatii naannessa'aatii kaabii itti ijaara'a.
JER 6:7 Akkuma boolli bisaanii bisaan madditu, qachaan Yerusaalemiille madda hammeennaa ti; hunnaan nama irratti ka'iisii fi badiin achi keessatti hin dhage'anti; ani dhibe'ee fi madaa yennaa mara achii keessatti dhagga.
JER 6:8 Ee Yerusaalem, ifi eeggadhu! Yoo hin te'in ani lafa teeti onsee nami tokkolle akka keessa hin leene hin godha» jedhe.
JER 6:9 Ammalle Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Akkuma woxoo midhaan woyni'ii qocanu, kolbaa Israa'elii keessaa worra hafe qoca'a. Akkuma nami midhaan woyni'ii damee irraa qocu, harka keessan diriirsa'aatii ammalle worra hafe qoca'a» anaan jedhe.
JER 6:10 Anille deebisee, «Ani eennutti dubbadha? Eennu ifi eeggachiisa? Eentu naa dhage'a? Gurri isaanii waan duudeef hin dhage'anu. Jecha Mootii Waan Maraatitti hin murgan; itti hin gammadanulle'e.
JER 6:11 Aariin Mootiin Waan Maraa isaan irratti qabu na keessalle'etti bobe'aarti; ossiisalle hin dande'u» jedhe. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ijoollee karaa irratti, dargaggoota wolitti qabamane irratti aarii tiyya dhangalaasi; abbaa manaatii fi haati manaa, worri dulloomee jaajjelle hin booji'aman.
JER 6:12 Worra lafa kana keessa le'u yennaa adabu, manni isaanii, fichaan isaaniitii fi niitoti isaanii worra dhibi'iif dabarfamanee hin kennaman.
JER 6:13 Nami isaanii gudda'aa fi diqqaan marti bu'aa sobaan dhaggatanuuf worra joljolu waan te'aneef, raagotii fi hayyooti isaanii marti nama hin soban.
JER 6:14 Isaan madaa kolbaa tiyyaa akka kaso'oo ilaalanee, adoo nageenni hin jiraatin, ‹Nageya, Nageya› jedhan.
JER 6:15 Isaan waan jibbisiisu waan hujaneef qaanowaneeranii ree? Waawwo'o ijjumaa hin qaanonne; isaan qaaniin maan akka teeteeyyuu hin beekanu. Tanaaf worra jigu woliin hin jigan; ani yennaa isaan adabulle hin salphatan» jedhe.
JER 6:16 Mootiin Waan Maraa, «Qaxxaamura kara'aa irra dhaabbadha'aatii ilaala'a; daandii durii, karaa dansaa gaafadha'aatii irra ideema'a; lubbuu teessaniifille foora hin dhaggatan» jedhe. Isin ammoo, «Nuuti isa irra hin ideennu» jettane.
JER 6:17 Ani eeddota isiniif kennee, «Qoonqoo tultulla'aa dhage'a'a» jedhe; isin ammoo, «Hin dhageennu» jettane.
JER 6:18 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Isin gosi biyya adda addaa dhage'a'a! Isin worri asitti wolitti qabantane, waan kolbaa Yihuda'aa irratti te'uuf jiru qalbeeffadha'a.
JER 6:19 Ee, lafa dhage'i! Kolbaan tun jecha kiyya waan hin dhage'iniif, seera kiyyalle waan tuffatteef, gatii hujii isaaniitiif, badii isaan irratti hin fida.
JER 6:20 Hixaanni biyya Sheeba'aatii dhufuu fi dakkarri biyya fago'ootii dhufu maan naaf godha? Ani kennansa gubamu ka isin dhikeessitanu hin fudhadhu; ciincaan isin dhikeessitanulle na hin gammachiisu.
JER 6:21 Tanaaf ani kolbaa tana dura gufuu hin keya; abbooti'ii fi ilmaan gufuu sanii hin gufatan; olla'aa fi jaaloti hin badan» jedhe.
JER 6:22 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, loltooti biyya gara kaabaa irraa dhufiisatti jirti; kolbaan guddoon biyya fago'oo lolaaf qophowiisatti jirti.
JER 6:23 Isaan guube'ee fi eboo qabataneeran; isaan worra gadhi-jabeeyyi'ii fi worra marartii hin qanne. Fardoo ifiitiin yennaa gulufanu, hididdeettiin akka abbaayaa bulphittuu ti. Ee kolbaa Xiyoonii! Isaan isin loliisaaf qophowanee hin dhufan» jedha.
JER 6:24 Kolbaan Yerusaalemii ammoo, «Nuuti oduu isaanii dhageennee, harki nu irraa bu'eera; gaddi guddaan nu qabatee akka dubartii ciniinsifattuu teeneerra.
JER 6:25 Diinni keenna shallaagaa waan qabuuf, gara mara sodaan guddoolle waan jirtuuf, gara alaa hin bayina'a; yookiin karaa irra hin ideemina'a» jetti.
JER 6:26 Ee kolbaa tiyya, diinni isin balleessu dedhuma waan dhufuuf, woyaa gaddaa uffadha'aatii daadhaa keessa gangaladha'a; akka nama ilma tokkochuma qabuuf laaleffattee bowuu, laaleffadha'aa bowa'a.
JER 6:27 Mootiin Waan Maraa, «Ee Ermiyaas! Akka nama sibiila sibiilummaa isaa haga ilaaluu, karaa kolbaa tiyyaa hubattee akka haga ilaaltu, si godheera.
JER 6:28 Isaan martinuu akka sageettu'uutii fi akka sibiila ciillayee mataa jabeeyyi'i; finqiltootalle'e. Isaan martinuu hami'iif asii fi achi deemaa, hujii hantuu hujan.
JER 6:29 Irsaasa ibiddaan baqisiisanee qulleessiisaaf buufaa akka malee itti buufan; ammoo ciillaan irsaasa irraa hin ka'u; akkasuma worri hamooleen kolbaa tiyya keessaa hin dhabamanu.
JER 6:30 Ani Mootiin Waan Maraa waan isaan tuffadheef, isaan ‹Meetii tuffatante› jedhamanee hin waamaman» jedha.
JER 7:1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:
JER 7:2 «Karra Galma Mootii Waan Maraa dura dhaabbadhuutii, ‹Mootii Waan Maraa waaqonfatiisaaf, karra tanaan worri seentanu kolbaan Yihuda'aa marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhii ergaa tana lallabi.
JER 7:3 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii: Karaa keessanii fi hujii teessan haareffadha'a! Anille addee tana akka isin leetanu hin godha.
JER 7:4 Dubbii dharaa dhugeeffattanee, ‹Kun Galma Mootii Waan Maraa ti! Kun Galma Mootii Waan Maraa ti! Kun Galma Mootii Waan Maraa ti!› hin jedhina'a.
JER 7:5 «Karaa keessanii fi hujii teessan dhugumaan yoo haareffattane, wol woliif haqa yoo hujjane,
JER 7:6 nama alaga'aa fi ijoollee abbaa hin qanne, haadha hiyyeessaalle yoo cunqursuu dhaddane, addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qannee yoo dhangalaasuu dhaddane, waaqota dhibii gula deemiisaan yoo ifi miidhu dhaddane,
JER 7:7 ani lafa abbootii teessaniif haga bara baraa akka keessa le'anuuf kenne san keessa akka isin leetanu hin godha.
JER 7:8 Isin ammoo dubbii dharaa ta bu'aa hin qanne dhugeeffattan.
JER 7:9 Isin hin hattan; nama hin ijjeettan; hin gaarayyeeffattan; dharaan kakattan; Ba'aaliif hixaana aarsitan; waaqota dhibii ka hin beenne san gula deemaa,
JER 7:10 addee maqaan kiyya itti waamamu, gara Galma kiyyaa dhuttanee, na dura dhaabbattanee, waan battii tana hujaa, ‹Wonni nu miidhu hin jiru› jettan.
JER 7:11 Galmi kiyya ka maqaan kiyya itti waamamu, daggala hattu'uu isiniif te'eeraa? Kunoo, ani waan isin gootanu kana dhaggeera.
JER 7:12 Amma addee qara maqaan kiyya akka itti waamamuuf filadhe gara qachaa Shiilo'oo dhaqa'aatii, sababa hammeenna kolbaa tiyya Israa'eliitiif waan ani godhe ilaala'a.
JER 7:13 Isin waan kana mara adoo gootanuu, itti deddeebi'ee isinitti dubbadheera; isin ammoo na hin caqanne; yennaa ani isin waamelle na jalaa hin owwaanne.
JER 7:14 Tanaaf waan qara qachaa Shiilo'oo godhe, ammalle addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma isin itti dhugeeffattanu, addee isinii fi abbootii teessaniif kenne tana akkasuma hin godha.
JER 7:15 Obboleeyyan teessan sanyii Efreemii mara fuula kiyya duraa akkuma ari'e, isinille fuula kiyya duraa hin ari'a.»
JER 7:16 «Ee Ermiyaas, ani waan si'iif hin dhageenneef, kolbaa tanaaf hin daadimatin; marroo isaaniitiif na woliin hin falmin yookiin waan tokkolle na hin gaafatin yookiin na hin daadimatin.
JER 7:17 Qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti waan isaan hujiisatti jiranu, ati hin dhaggituu?
JER 7:18 Ijoolleen qoraan cassiti; abbootiin ibidda gabbitti; waaqa dharaa ta, ‹Mootittii ol-gubba'aa› jedhantuuf daabboo bilcheesiisaaf, dubartooti bukoo bukeessiti; na aarsiisaaf waaqota dhibi'iif daadhii woyni'ii dhibaasan.
JER 7:19 Ka isaan aarsanu anaa? Isaan ifuma miidhanee, fokkoo ifi irratti fidan.
JER 7:20 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani aari'ii fi mufii tiyya addee tana irratti, namaa fi bineensota irratti, muka badda'aatii fi midhaan ficha'aa irratti hin dhangalaasa; isiin hin bobeetti; hin dhaantulle'e› jedha.
JER 7:21 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Woreega ciinca'aa ciincaa dhibi'itti dabala'aatii, foon san ifiifuu nyaadha'a.
JER 7:22 Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baase, waan woreega ciinca'aatii fi ciincaa dhibi'ii womaa isaanitti hin dubbanne yookiin ajajalle isaaniif hin kennine.
JER 7:23 Ammoo naaf ajajama'a! Anille Waaqa keessan isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan; akka isinii milkoottuuf, karaa ani isin ajaju mara deema'a!› jedhee isaan ajajeera.
JER 7:24 Isaan ammoo mataa jabaatanee hammeenna gadhaa ifii gula deemane malee, na hin dhageenne yookiin hin caqanne. Isaan gara duubaa deemane malee, gara duraa hin deenne.
JER 7:25 Bara abbootiin teessan biyya Gibxi'ii keessaa baateen jalqabee haga ammaa guyyuma guyya'aan, deddeebisee tajaajiltoota tiyya raagota gara keessan erge.
JER 7:26 Kolbaan ammoo na hin dhageenne yookiin na hin caqanne. Mataa jabaatanee abbootii ifii ta durii caalaa hantuu hujane.
JER 7:27 «Ati tana mara yennaa isaanitti hintu, isaan ammoo si hin caqasanu; yennaa ati isaan waantulle si jalaa hin owwaatanu.
JER 7:28 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Isin kolbaan tun ta Waaqa ifiitiif hin ajajanne yookiin ta gorsa isaalle hin fudhanne. Dhugaalle afaan keessan keessaa baddeerti.
JER 7:29 Mootiin Waan Maraa dhaloota itti mufateeru kana tuffatee waan lakkiseef, rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii ifi irraa gata'a; qaccee koobota goddu'uu irratti ol baya'aatii qoonqoo teessan ol qabadha'aatii faaruu awwaalaa faarsa'a.
JER 7:30 « ‹Kolbaan Yihuda'aa fuula kiyya duratti waan hantuu hujjeerti. Isaan waaqa dharaa batticha, addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma kiyya keessa keyanee, Galma kiyya batteesaneeran.
JER 7:31 Waan ani isaan hin ajajin, ta ani qalbii tiyya keessaa hin qanne, ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta duraa ciincaa dhikeessiisaaf dhooqa ilma Hiinomii keessatti, addee waaqonfanna'aa ta «Toofet» jedhantu ijaarane.
JER 7:32 Tanaaf, haga addeen dhabantutti, nama du'e Toofet keessatti waan awwaalanuuf, haganaa achi maqaan addee sanii, «Dhooqa itti qalamanu» jedhama malee, «Toofet» yookiin «Dhooqa ilma Hiinomii» barri hin jedhanne hin dhufa.
JER 7:33 Reeffi kolbaa tanaa allaatti'ii fi bineensaaf sagalee hin te'a; nami reeffa san irraa isaan ari'u tokkolle hin jiraatu.
JER 7:34 Latti waan ontuuf, ani qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessaa hin balleessa.
JER 8:1 «‹Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san lafee moototaa fi qondaaltota Yihuda'aa, lafee hayyootaatii fi raagotaa, lafee kolbaa Yerusaalemiille boolla awwaalaa keessaa hin baasan.
JER 8:2 Lafeen sun aduu, ji'aa fi urjoota ol-gubba'aa, worra dur jaalatane, worra dur tajaajilane, worra dur hordofane, worra dur gorsa irraa fudhatanee fi worra dur waaqonfatane mara duratti hin xeeraman malee wolitti hin qabamanu yookiin hin awwaalamanu; ammoo akka cego'oo lafatti hin gataman.
JER 8:3 Kolbaa hantuu tana keessaa worri jiru'uun hafe marti addee ani isaan ari'e maratti jiruu irra du'a hin filatan» jedha.
JER 8:4 «‹Mootiin Waan Maraa: Nami yoo jige, deebi'ee hin ka'uu ree? Nami karaa irraa yoo gore, kara'atti hin deebi'uu ree?
JER 8:5 Kolbaan tun maaf gara duubaa deebiti ree? Maaf Yerusaalem yennaa mara gara duubaa deebiti ree? Isaan soba jabeessanee qabataneeran; isaan deebi'iisa didaneeran.
JER 8:6 Ani miidhassee isaan caqaseera; isaan ammoo waan sirrii te'e hin dubbatanu. Eennulle: Ani maan hujeera jedhee, hammeenna ifii irraa ka deebi'u hin jiru; akka farda lolaaf qophowe tokkoo tokko tokkoon isaanii karaa ifii fiigan.
JER 8:7 Qongaanuu yennaa ifii beeka; Saphaliisi, risa'aa fi cuquliis yennaa itti godaananu hin beekan. Kolbaan tiyya ammoo seera kiyya hin beettu.
JER 8:8 «‹Worri feenii sobaatiin barreessu eega jiraatee, isin: Seera Mootii Waan Maraa waan qannuuf, nuuti qaroole'e attam jedhuu dandeettan ree?
JER 8:9 Worri qarooleen hin fokkifatan; hin salphatan; tiyyoolle'een hin qabaman. Jecha Mootii Waan Maraa eega lakkisanee qarummaa attamii qabaatan ree?
JER 8:10 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa niitota isaanii namoota dhibi'iif hin kenna. Fichaa isaaniille ormaaf hin kenna. Diqqaa irraa kaasee haga guddaa isaaniititti, marti isaanii bu'aa isaanii hin malleef joljolan; raagotii fi hayyooti akkasuma marti isaanii nama soban.
JER 8:11 Madaa kolbaa tiyyaa akka waan salpha'aatitti laakkowanee, akka maltetti hin cidhoomanu. Nageenni adoo hin jiraatin: Nageya! Nageya! jedhan.
JER 8:12 Waan battii yennaa hujanu fokkifataneeraniiyyuu? Waawwo'o ijjumaa hin fokkifanne; isaan attam akka salphatanu hin beekanu; Tanaaf worra jige oddu'utti hin jigan; yennaa ani isaan adabulle hin salphatan.
JER 8:13 «‹Mootiin Waan Maraa: Ani waan isaan galfatanu mara hin balleessa; muka woyni'ii irra midhaan woyni'ii, muka harru'uu irra midhaan harru'uu hin jiraatu; koolli isaaniille hin qoora; wonni ani isaaniif kenne marti isaan irraa hin fudhatama› jedha» jedhe.
JER 8:14 Kolbaan sun deebittee, «Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna duratti cubbuu waan hunyeef, inni bisaan hadhaa qabu nu obaasee akka bannu nu godheera; nuuti maaf as teenna ree? Wolitti qabannee gara qachaa dalleya dhaka'aa qabuu baqannee, achitti banuu ti.
JER 8:15 Nuuti ‹Nageenni hin te'a› jennee addanne; ammoo wonni dansaan hin teene. ‹Yennaa fayyinnaatitti te'a› jennee addanne; ammoo bararaqatti te'e.
JER 8:16 Fooqqisiisi fardoo diinotaa biyya Daanii irraa dhage'ame; yennaa isaan himimmisanu latti marti tachoote. Isaan lafaa fi waan isii keessa jiru mara qacha'aa fi worra isii keessa le'anu liqinsiisaaf dhufane» jetti.
JER 8:17 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhudhuufaa hadhaa qabu ka worri xanoo xanu dhooggee hin dandeenne, odduu teessanitti hin erga; isaanille isin hin iddan» jedha.
JER 8:18 Gaddi hamaan na dhaqqabeera; ani gaggabeera.
JER 8:19 Iyya kolbaan tiyya biyya fago'oo irraa, «Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessa hin jiruu? Mootiin isi'ii achi keessa hin jiruu?» jettu dhage'i. Waaqi ammoo, «Isaan fakki'ii fi waaqota dharaa ka ormaa waaqonfatiisaan maaf na aarsan» jedha.
JER 8:20 Kolbaan, «Yennaa midhaan galfatanu dabarte; bonni dhumate; nuuti rakkoo keessaa hin baane» jetti.
JER 8:21 Kolbaan tiyya waan miidhanteef anille miidhameera; ani bowe, sodaadheelle bowe.
JER 8:22 Giil'aad keessa qorsi dibatanu hin jiruu? Cidheessi achi hin jiruu? Madaan kolbaa tiyyaa maaf hin fayyine ree?
JER 9:1 Ani kolbaa tiyya ta qalanteef, Halkanii fi guyyaa akka bowuuf, mataan kiyya madda bisaanii ilti tiyyalle burqaa imimmaanii adoo teetee hin halcha!
JER 9:2 Kolbaan tiyya gaarayyeeffattootaa fi gumii hin addatanne waan teeteef, ani isaan lakkisee, irraa fagaadhee deemee goomolee keessatti addee keessummooti bultu adoo qabaadhee hin fedha.
JER 9:3 Mootiin Waan Maraa, «Isaan dhara dubbatiisaaf, akka guube'ee arraba ifii qopheeffatan; isaan lafa tana irratti hammeenna irratti hammeenna dabalatan malee, dhuga'atti hin jabaatanu; analle hin beekanu.
JER 9:4 Nami marti sobaalessa, jaalli martille hamatticha waan te'eef, obboleessi obboleessa ifii irraa ifi eegatuu ti; jaallille jaala ifii hin addatin.
JER 9:5 Jaalli jaala ifii hin soba; dhugaa ka dubbatu hin jiru. Isaan arraba ifii soba dubbatiisa barsiisaneeran; cubbuu hujiisaan ifi dadhassiisaneeran.
JER 9:6 Ati soba odduu leeta; Isaan soba ifii irraa ka ka'e, na beekiisa didaneeran» jedha.
JER 9:7 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, ani akka sibiilaa baqisiisee, kolbaa tiyya haga hin ilaala; sababa cubbuu kolbaa tiyyaatiif, waan dhibii maan godhuu dande'a ree?
JER 9:8 Arrabi isaanii akka daaya nama ijjeesuu ti; afaan isaaniille soba dubbata. Isaan nama maratti dubbii dansaa dubbatan; gadhaa ifii keessatti ammoo mala hamaa isaaniif dhowan.
JER 9:9 Waan kanaaf ani isaan hin adabuu ree? Kolbaa akkanaa tana ani haluu hin bayuu ree?» jedha.
JER 9:10 Gaarotii fi addeen horiin dheedu ontee, namille keessa waan hin ideenneef, madhi hori'ii achi keessa waan hin jirreef, allaatti'ii fi bineensoti achi keessaa waan baqataneef, ani wiiccifadhee isaaniif hin bowa.
JER 9:11 Mootiin Waan Maraa, «Yerusaalem tuulaa bututaa, addee jeedalti keessa leetu hin godha; qachoota Yihuda'aalle ona ka nami keessa hin leene hin godha» jedha.
JER 9:12 Nami qaroon waan kana hubatuu dande'u eennu? Mootiin Waan Maraa itti mudhisee, nami waan kana himuu dande'u eennu? Latti maaf akka goomolee nami keessa hin deennee, ona teete ree?
JER 9:13 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Seera ani isaaniif kenne lakkisanee, naaf waan hin ajajaminiif yookiin akka seera kiyyaatitti waan hin ideeminiif tun teete.
JER 9:14 Isaan mata-jabeeyyii te'anee, akka fedhii ifii ideemiisaan akkuma abbootiin isaanii ta durii isaan barsiitte, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatane.
JER 9:15 Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, kolbaa tana sagalee hadhoottuu hin nyaachisa; bisaan hadhaa qabu hin obaasa.
JER 9:16 Ani gosa biyya adda addaa ta isaan yookiin ta abbootiin isaanii ta durii hin beenne oddu'utti isaan hin bittinneessa; haga isaan balleessutti shallaaga'aan isaan hin ari'a» jedha.
JER 9:17 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Amma, marroo waan kanaa yaadadha'a! Dubartoota faaruu awwaalaa faarsitu waansisa'a. Isaan keessaa worra boochisiisaan beekkamanetti erga'a.
JER 9:18 Isaaniin, ‹Ila teenna keessaa imimmaan haga dhangalaatutti, gaara ila teennaa jalaa bisaan haga burqutti ariiti'iin kowa'aatii nu boochisa'a› jedha'a.
JER 9:19 Qoonqoon bowichaa, ‹Nuuti ijjumaa banne! Nuuti ijjumaa salphanne! Manni keenna waan diigameef, lafa teenna lakkinnee deemuu qanna› ta jettu Xiyoon keessaa hin dhage'anti» jedha.
JER 9:20 Ee, dubartoota Yihuda'aa, amma jecha Mootii Waan Maraa caqasa'a! Jecha afaan isaa keessaa bawu dhage'iisaaf, gurra keessan banadha'a. Ijoollee durraa teessan attam akka bowanu barsiisa'a; Faaruu awwaalaa wol barsiisa'a.
JER 9:21 Duuti karaa fodda'aatiin ol yaaddee, gara kushee teennaa seenteerti; ijoollee teenna woldeennaa karaa irratti, dargaggootalle badhinnatti ijjeetteerti.
JER 9:22 Isin kolbaa tanatti dubbadha'aatii, «Mootiin Waan Maraa, ‹Reeffi namaa akka cegoo diidatti gatanee, akka woxoo worra midhaan haamu irraa hattee, ka nami wolitti qabu hin jirree hin te'a› jedha» jedha'a.
JER 9:23 Mootiin Waan Maraa, «Nami qaroon qarummaa ifiitiin, nami hunnaamessi hunna ifiitiin, nami dureessi durummaa ifiitiin ifi hin jajin.
JER 9:24 Nami ifi jaju, ani Mootiin Waan Maraa lafa irratti jaalala bara baraa, haqaa fi balchummaa akka mudhisu hubatiisaa fi beekiisaan ifi jajuu ti; ani waan kanatti gammada» jedha.
JER 9:25 Mootiin Waan Maraa, «Worra maqaa calla'aaf haqanqabaa qabate mara guyyaan adabu hin dhufa;
JER 9:26 worra Gibxi'ii, worra Yihuda'aa, worra Edoomii, worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu ka goomolee keessa le'u mara hin adaba; gosi biyya adda addaa tun marti haqanqabaa qabataneeran; te'uu malee, isaan martii fi kolbaan Israa'elii martinuu gadhaa tokkochaan haqanqabaa san hin qabanne» jedha.
JER 10:1 Ee, kolbaa Israa'elii, waan Mootiin Waan Maraa isinitti dubbattu dhage'a'a!
JER 10:2 Mootiin Waan Maraa, «Karaa gosa biyya adda addaa hin hordofina'a! Isaan beessisa gubba'aatiin hin bararaqin; isin waan kanaan hin bararaqina'a.
JER 10:3 Aadaan kolbaa tanaa waan bu'aa hin qanne; isaan muka gongomaa keessaa muran; nami muka bocu uraa ifiitiin bifa itti baasa.
JER 10:4 Meeti'ii fi worqi'iin gonfanee seesan; akka hin jinneef burrisaan mismaara itti dhowanee hin jabeessan.
JER 10:5 Waaqoti isaanii akka waan bineensa sodaachisaaf, fichaa baaqula'aa keessa dhaabanee ti; waaqoti isaanii dubbatiisa hin dande'anu; ideemiisalle waan hin dandeenneef, namatti isaan ba'atee ideema. Isaan nama miidhiisa yookiin waan dansaa godhiisa waan hin dandeenneef, isaan hin sodaatina'a» jedha.
JER 10:6 Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keetii hin jiru; ati gudda'a; baalliin maqaa keetiille guddo'o.
JER 10:7 Ee, mootii gosa biyya adda addaa, ka si hin sodaanne eennu? Qaroolee gosa biyya adda addaatii fi mootummoota isaanii mara keessaa, ka akka keetii waan hin jirreef, ulfinni si'iif male.
JER 10:8 Isaan marti daallotaa fi gowwoota; isaan waaqota dharaa ka muka irraa bocame irraa baratan.
JER 10:9 Waaqoti dharaa ka isaanii kun hujii harka namaa ti; isaan meetii qulqulluu biyya Tarshiishiitii dhuttuu fi worqii biyya Ufaaziitii dhuttu irraa hujamane; woyaan bifa cuquliisaatii fi dhiilleen isaan uffatanu marti hujii worra ogeeyyi'ii ti.
JER 10:10 Mootiin Waan Maraa ammoo Waaqa dhuga'aa ti; inni Waaqa jiraata'a fi mootii bara baraa ti. Yennaa inni aaru latti hin tachooti; gosi biyya adda addaalle mufii isaa dura dhaabbatiisa hin dandeettu.
JER 10:11 Isin, «Waaqoti dharaa ka ol-gubba'aa fi lafa hin dadin kun, ol-gubba'aan jala irraa, lafa irralle'ee hin badan» jedha'aatii isaanitti hima'a.
JER 10:12 Waaqi hunna ifiitiin lafa dade; qarummaa ifiitille'een biyya lafaa hundeesse; hubantii ifiitille'een ol-gubbaa diriirse.
JER 10:13 Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu, bisaan ol-gubba'aa hin shookkisa; inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha; bokkeya keessa balaqqeettii hin buusa; qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessa hin fida.
JER 10:14 Isaan martinuu worra daalle'ee fi worra beekkumsa hin qanne; worri worqii baqisiisu marti waaqota dharaa ka hujane sanitti fokkifataneeran. Fakkiin isaan hujane ta dharaa ti; hafuuralle hin qaddu.
JER 10:15 Isaan worra bu'aa hin qanne, meya murgo'oo ti; yennaa muraan isaanitti dhuttu hin badan.
JER 10:16 Waaqi Yaaqoobii ammoo akka isaan kanaatii moti; waan mara ka dade isa waan te'eef, kolbaa Israa'eliille ka ifii godhatiisaaf filate; maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
JER 10:17 Ee, isin worri marfantaneertanu, meya keessan ka lafa jiru wolitti qabadha'a.
JER 10:18 Mootiin Waan Maraa, «Ani amma worra lafa tana keessa le'u, fugussee hin baasa; akka isaan booji'amanuuf rakkinna isaanitti hin fida» jedha.
JER 10:19 Ani waan madoweef naaf aanne'e! Madaan tiyyalle ta hin fayyine. Ani ammoo, «Tun dhibee tiyya; anille ossatuu qaba» jedhe.
JER 10:20 Dunkaaniin tiyya diiganteerti; wodaroon isi'ii marti ciccitteerti. Ijoolleen tiyya na lakkittee deenteerti; deebi'ee isaan hin dhaggu; nami dunkaanii tiyya naaf dhaabu, ka gollaa kiyyalle naaf diriirsu tokkolle hin hanne.
JER 10:21 Tissitooti daallee waan teeteef, Mootii Waan Maraa irraa gorsa hin gaafattu; tanaaf isaaniif hin milkoonne; tiki isaanii marti bittinnoweera.
JER 10:22 Caqasa'a! Oduun dhufiisatti jirti. Kunoo gara lafa kaabaatii hogaan guddaan hin dhufa. Hogaan sun qachoota Yihuda'aa onsee, addee jeedalti leetu hin godha.
JER 10:23 Ee Mootii Waan Maraa! Jiruun namaa tama isaa akka hin te'in ani hin beeka; nami ideensa ifii ifumaan qajeelchuu hin dande'u.
JER 10:24 Ee Mootii Waan Maraa! Akka ani ijjumaa hin banne haqaan na adabi malee, aarii teetiin na hin adabin.
JER 10:25 Gosi biyya adda addaa ta si hin beennee fi kolbaan maqaa keeti hin waammanne sanyii Yaaqoobii balleessiteerti. Isaan sanyii Yaaqoobii ijjumaa fixanee, lafa isaanii waan onsaneef, aarii teeti isaan irratti dhangalaasi.
JER 11:1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:
JER 11:2 «Dubbii gondooroo tanaa dhage'iitii kolbaa Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'utti himi.
JER 11:3 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Nami dubbii Gondooro'oo tanaaf hin ajajanne ka abaarame.
JER 11:4 Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii ta akka addee sibiila itti baqsiisanuu keessaa yennaa baase, naaf ajajama'aatii, waan ani isin ajaje mara godha'a; tana yoo gootane kolbaa tiyya hin teetan; anille Waaqa keessan hin te'a.
JER 11:5 Achiin duuba ani lafa aananii fi dammaa ta abbootii teessan duriitiif kenniisaaf waadaa gale, ta amma qabattaneertanu tana isiniif hin kenna› akka jedhe itti himi» jedhe. Anille deebisee, «Ameen, Mootii Waan Maraa» jedhe.
JER 11:6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Jecha kiyya kana mara qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii mara irratti lallabiitii, ‹Dubbii gondooroo tanaa dhage'a'aatii, waan isiin jettu godha'a› jedhi.
JER 11:7 Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baasee jalqabee haga adhaa, ‹Naaf ajajama'a› jedhee itti deddeebi'ee ifi eeggachiise.
JER 11:8 Isaan ammoo mataa jabinna hammeenna gadhaa ifii hordofane malee, naaf hin ajajanne; dubbii tiyyalle hin dhageenne. Tanaaf dubbii gondooroo tanaa ta akka isaan muummessanuuf ajaje, waan didaneef, abaarsa Gondooro'oo mara itti fide» jedhe.
JER 11:9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii na irratti ka'iisaaf mala dhowiisatti jiran.
JER 11:10 Isaan gara cubbuu abbootii ifii ta durii, ta dubbii tiyya dhage'uu diddee deebi'aneeran; waaqota dharaa tajaajiliisaaf gula deemane; kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa gondooroo ani abbootii isaanii ta durii woliin godhe diiganeeran.
JER 11:11 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ani badii isaan jalaa bayuu hin dandeenne isaan irratti hin fida; isaan gara kiyya yoo iyyanelle, ani isaaniif hin dhage'u.
JER 11:12 Yennaa san kolbaan qachaa Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii gara waaqota hixaana aarsanuufii san dhaqanee hin iyyatan; waaqoti isaanii sun ammoo, yennaa rakkinni isaan irra gewu ijjumaa isaan qarqaaruu hin dande'anu.
JER 11:13 Ee kolbaa Yihuda'aa! Akkuma qachaa hedduu qaddu, waaqota hedduu qadda; waaqa dharaa fokkisiisaa Ba'aaliif, addeen ciinca'aa ta hixaana itti aarsiisaaf ijaarte, akkuma karaa Yerusaalemii heddu'u› jedha.
JER 11:14 Ee Ermiyaas, isaan rakkatanee gara kiyya yennaa iyyanu, ani isaaniif waan hin dhageenneef, ati kolbaa tanaaf hin daadimatin yookiin gara kiyya hin iyyin yookiin isaaniif na hin gaafatin.
JER 11:15 «Isin kolbaan Yihuda'aa ta ani jaaladhu, worra hedduu woliin waan hantuu hujaa, Galma kiyya keessaa maan qaddan? Foon woyyichi ciinca'aaf dhikaatu, adabbii isin dhaqqaddu irraa isin hin hamburaa ree? Tana hujaa hin gammaddanii ree?
JER 11:16 Mootiin Waan Maraa, ‹Muka ejersaa bisilee, ka midhaan dansaa qabu› jedhee isin waameeraayyu; amma ammoo hobonbolattii jadduu bubbittuun ibidda itti hin qassiisa; dameelee isaa mara hin caccassa.
JER 11:17 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ka isin dhaabe, sababa isin kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa na aarsiisaaf Ba'aaliif hixaana aarsitanee, hantuu hujjaneef badii isin irratti hin fida» jedhe.
JER 11:18 Mootiin Waan Maraa mala isaan na irratti dhowane, waan natti mudhiseef, ani waan isaan yennaa san hujiisatti jiranu beeke.
JER 11:19 Ani akka hoolee gara qalmaa oofanuu te'eeraayyu; isaan, «Kowa'a, maqaan isaa akka hin qaabatanne, muka midhaan isaa woliin murree, lafa worra jiraata'aa irraa balleessina» jedhanee akka natti malane ani hin beenneeyyu.
JER 11:20 Ee Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, ka gadha'aa fi qalbii namaa qorqortu, ka balchumma'aan murtu, ani haajaa kiyya sitti waan himadheef, haluu isaan irratti baatu na dhaggisiis.
JER 11:21 Tanaaf worra Anaatotaa ka na ijjeesiisaaf barbaadanee, «Maqaa Mootii Waan Maraatiin raagaa yoo dubbatte si hin ijjeenna» anaan jedhanuun,
JER 11:22 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani isaan hin adaba; dargaggooti isaanii shallaaga'aan, ilmaanii fi ijoolleen isaanii ta durraa beelaan hin du'an;
JER 11:23 bara ani worra Anaatotaa adabiisaaf badii itti fidu, isaan keessaa baraareelle hin hattu» jedhe.
JER 12:1 Ee Mootii Waan Maraa, yennaa ani haajaa kiyya si duratti dhikeeffadhu, ati yennaa mara balcha'a; ani haajaa kiyya si dura dhikeeffadha; te'uu malee marroo muraa haqaa waan si gaafadhu qaba. Worri hamooleen maaf qananooman? Worri hin addatanne maaf milkowan?
JER 12:2 Ati isaan dhaaddeerta; isaanille hidda yaafataneeran; isaan guddatanee midhaan buusaneeran; Isaan afaan ifiitiin ulfinna si'iif kennan; gadhaa ifiitiin ammoo si irraa fagoo jiran.
JER 12:3 Ee Mootii Waan Maraa! Ati ammoo na hin beetta; na hin dhaggitalle'e; yaada ani si'iif qabu hin qorqorta. Worra hamoolee kana akka hoolee qalmaaf oofanuu, isaan harkisii baasiitii, guyyaa qalmaatiif adda baasi.
JER 12:4 Latti haga yoomii goddi? Marri diida maraa haga yoomii qoora? Sababa worra hamoolee lafa san keessa le'uutiif, sababa isaan, «Waan nu irratti te'u kana Waaqi hin dhaggu» jedhaneef, bineensotii fi sinbirrooti dhumataneeran.
JER 12:5 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ee Ermiyaas, ati worra miilaan rukkisu woliin rukkittee, eega isaan si dadhassiisanee, abbootii fardaa woliin attam doggomuu dandeetta ree? Ati lafa qaaleyaatitti eega jiddee, Gongomaa Yordaanosii keessatti attam teeta ree?
JER 12:6 Obboleeyyan teetii fi maatiin teetiiyyuu sitti malaneeran; isaan qoonqoo guddo'oon sitti iyyiisatti jiran; waan dansaa sitti dubbatanulle, isaan hin addatin.
JER 12:7 Ani kolbaa tiyya Israa'el lakkiseera; kolbaa tiyya ta jaaladhu harka diinota isaaniititti dabarsee kenneera.
JER 12:8 Kolbaan tiyya akka neenqa gongomaa keessaa natti teeteerti; isaan dhangaa natti dhowane; anille isaan jibbe.
JER 12:9 Kolbaan tiyya akka sinbirree jajju'uun marfante teetee motii ree? Dhaqa'aatii bineensota mara wolitti qaba'a; isaan dhufanee kolbaa tiyya nyaatanuu ti.
JER 12:10 Tissitooti hedduun fichaa muka woynii tiyyaa balleessiteerti. Fichaa kiyyalle irra sirbiteerti; fichaa kiyya ka na gammachiisu goomolee duwwaa godhaneeran.
JER 12:11 Isaan fichaa san goomolee duwwaa waan godhaneef na duratti gogee oneera. Nami isi'iif haajamu waan hin jirreef, Latti duudiin goomolee teeteerti.
JER 12:12 Shallaagaan Mootii Waan Maraa qaccee lafaa gara tokkoo kaasee, haga qaccee taaniititti waan balleessuuf, worri lafa balleessu koobota godduu mara hin qabatan; nami nageyaan hafu tokkolle hin jiru.
JER 12:13 Isaan qamadii hin facaafatan; ammoo qoree haammatan. Isaan hin elowan; ammoo womaa hin dhaggatanu. Sababa aarii Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeetuutiif, midhaan isaan galfatanu waan badeef, hin qaanowan» jedhe.
JER 12:14 Mootiin Waan Maraa, «Olloota kiyya worra hamaa ka lafa ani kolbaa tiyya Israa'eliif kenne qabatanu mara, ani lafa isaanii irraa isaan hin buqqisa; kolbaa Yihuda'aalle odduu isaaniitii buqqisee hin baasa.
JER 12:15 Isaan buqqiseen duuba ammoo deebi'ee isaaniif hin marara; tokko tokkoo isaanii gara lafa isaaniitii fi gara biyya isaaniititti isaan hin deebisa.
JER 12:16 Isaan akka kolbaan tiyya itti leetu le'iisa akka dansaa yoo baratane, akkuma kolbaa tiyya maqaa Ba'aaliitiin kakatiisa barsiisane, amma ammoo deebi'anee kolbaa tiyya woliin, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee› jedhanee kakatiisa yoo baratane, isaan kolbaa tiyya odduu hin le'an.
JER 12:17 Kolbaa na hin dhageenne ammoo ijjumaa buqqisee hin balleessa» jedha.
JER 13:1 Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Dhaqii hiituu hidhaa ta quncee talba'aa irraa hujante bitadhuutii, hidha keeti hidhadhu; ammoo bisaan isii hin tuqin» jedhe.
JER 13:2 Maarre akkuma Mootiin Waan Maraa na ajaje hiituu hidhaa bitadhee, hidha kiyya hidhadhe.
JER 13:3 Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya dhufee,
JER 13:4 «Hiituu hidhaa ta bitattee hidha keeti hidhatte san qabadhuutii gara laga Efraaxiisii dhaqi; achitti baqaqa rassa'aa keessatti dhossi» naan jedhe.
JER 13:5 Maarre akkuma Mootii Waan Maraa na ajaje gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san achitti dhosse.
JER 13:6 Guyyaa heddu'uun duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Amma gara laga Efraaxiisii dhaqiitii, hiituu hidhaa ta achitti akka dhossituuf si ajaje san fidi» jedhe.
JER 13:7 Maarre anille gara laga Efraaxiisii dhaqee, hiituu hidhaa san addee dhosse sanii qotee fuudhe; hiituun hidhaa sun ammoo gara badee waan bu'aa hin qanne teeteertiiyyu.
JER 13:8 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
JER 13:9 «Mootiin Waan Maraa, ‹Koora Yihuda'aatii fi koora guddaa Yerusaalemii akkasuma gara hin balleessa.
JER 13:10 Kolbaan hantuun jecha kiyya caqasuu didde, ta mataa jabinnaan, waaqota dhibii tajaajiliisaaf, waaqonfatiisaafille hordottu tun, akkuma hiituu hidhaa ta gara baddee bu'aa hin qanne sanii hin te'an.
JER 13:11 Akkuma hiituun hidha namaatitti maxxantu, kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa marti natti akka maxxananu, ulfinnaa fi galata maqaa kiyyaatiif, kolbaa tiyya akka te'anu godheeraayyu; isaan ammoo na hin caqanne› jedha» jedhe.
JER 13:12 Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, okkoteen marti daadhii woyni'iitiin hin guutanti› jedhiin» jedhe; isaanille si'iin, «Okkoteen marti daadhii woyni'iitiin akka guutantu nuuti hin beennu seetaa?» yoo si'iin jedhane,
JER 13:13 ati isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa lafa tana keessa leetu mara, mootota barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teettu, hayyoota, raagota fi worra Yerusaalem keessa le'u mara hin macheessa.
JER 13:14 Ani wol wolitti isaan buusee, abbooti'ii fi ilmaan wol wolitti buusee hin caccassa; ani yennaa isaan balleessu, isaaniif hin nawu yookiin hin mararu yookiin gadhaa isaaniif hin laafu› jedhiin» jedhe.
JER 13:15 Mootiin Waan Maraa waan dubbateef, dhage'a'a; hin koorina'aatii, caqasa'a.
JER 13:16 Adoo inni dukkana isinitti hin fidin, adoo gaara dukkanowe irratti miilli keessan hin gufatin, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ulfinna kenna'a. Adoo isin ifa addii godhattanuu, inni ifa gara dukkanaatii fi gara dukkana dimmaatitti hin jijjiira.
JER 13:17 Yoo isin hin caqasin ammoo sababa koora keessaniitiif ani dhossa'aan hin bowa; kolbaan Mootii Waan Maraa waan booji'anteef ani wiiccifadhee hin bowa; ilti tiyyalle imimmaan hin dhangalaatti.
JER 13:18 Mootiin Waan Maraa natti dubbatee, «Mootichaa fi haadha mootichaatiin, ‹Kallachi ulfinna keessanii mataa keessan irraa waan bu'uuf, barcumaa mootumma'aa irraa gad bu'a'a› jedhi» jedhe.
JER 13:19 Qachooti Yihuda'aa ka gara kibbaa hin cufaman; ka isaan banulle hin jiru; kolbaan Yihuda'aa marti hin booji'anti; isaan duudiin hin fudhataman.
JER 13:20 Ee Yerusaalem! Diinota keeti ka gara kaabaatiin dhufiisatti jiranu ol jedhii ilaali. Kolbaan sitti kennante, ta ati ittiin ifi jajju meet?
JER 13:21 Worra ati jaala godhatte, Mootiin Waan Maraa si irratti yennaa mootonsu, ati maan jetta? Akka dubartii deettuu hin ciniinsifattuu ree?
JER 13:22 Ati gadhaa keeti keessatti, «Tun maaf na irratti teete?» jettee yoo ifi gaafatte, sababa bacinna cubbuu teetiitiif, woyaa teeti si irraa shooqanee hunnaan si woliin rafane.
JER 13:23 Nami Itoophiya'aa bifa ifii yookiin qeeransi buburrummaa ifii jijjiiratuu dande'aa? Akkasuma isin worri hantuu hujuu barattane, waan dansaa hujuu hin dandeettanu.
JER 13:24 Akka hicaaceen qilleensa goomole'eetiin bittinnoottu, ani isin hin bittinneessa.
JER 13:25 Ee Yerusaalem! Mootiin Waan Maraa si'iin, «Ati na deetee waaqota dharaatitti waan addateef tun hiree teeti; qooda ani si'iif kenne.
JER 13:26 Aninuu woyaa teeti fuula keetitti ol garagalchee akka ati qaanottu hin godha.
JER 13:27 Ani hujii teeti battittii gaarayyeeffatiisa keetii, akka fardaa himimmisiisa keetii fi sagaagala keeti ka qaanii hin qanne dhaggeera. Ee Yerusaalem, si'iif aanne'e! Ati haga yoomii batumma'aan jiraatta?» jedha.
JER 14:1 Jechi Mootii Waan Maraa ka marroo oola'aa dubbatu ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:
JER 14:2 «Kolbaan Yihuda'aa hin bootti; qachooti Yihuda'aalle gad deebi'an; kolbaan Yihuda'aa lafa irra teettee gadditi; Yerusaalem keessaa iyyi hin kaati.
JER 14:3 Qondaaltoti isi'ii tajaajiltoota ifii bisaan hin ergiti; isaalle gara boolla bisaanii hin dhaqan; ammoo bisaan achitti hin dhagganu; isaan fokkifatanee, addii kutatanee, mataa hagooggatanee, okkotee duwwaa ba'atanee deebi'an.
JER 14:4 Bokkeenni waan hin jirreef, latti babbaqaxxeerti; qonnaan bultooti fokkifatanee, mataa ifii hin hagooggatan.
JER 14:5 Marri waan hin jirreef, gadansinuu akkuma dhaleen ilmee ifii lakkisee hin deema.
JER 14:6 Harreeleen diidaa koobota godduu irra dhaabbattee, akka jeedalaa qilleensa dhaggatiisaaf harganan; marri waan hin jirreef ilti isaanii dhagguu dadhaddeerti» jedhe.
JER 14:7 Ee Mootii Waan Maraa, yakkaan teenna nu irratti dhugaa baatulle, ati maqaa keetiif jedhii nu qarqaar; si'iif addatamiisa dhabiis keenna waan heddatteef, nuuti si irratti cubbuu hunyeerra.
JER 14:8 Ee addii Israa'elii, ka yennaa rakkinnaa isii fayyittu, ati maaniif lafa tanatti akka alaga'aa, akka nama karaa deemuu, ka halkan tokko callaa bulee taruu teete.
JER 14:9 Ati maaf akka nama waan godhu wollaalee, akka lolticha jabaa nama qarqaariisaaf hunna dhabee teete. Ee Mootii Waan Maraa, ati nu odduu jirta; nuuti maqaa keeti hin waammanna, nu hin lakkisin.
JER 14:10 Mootiin Waan Maraa marroo kolbaa tanaatiif, «Isaan asii fi achi joonjiisa jaalatan; miilli isaanii hin dhaabbatu; tanaaf ani isaanitti hin gammadu; amma ani yakkaa isaanii hin qaabadha; sababa cubbuu isaaniitiifille isaan hin adaba» jedha.
JER 14:11 Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaa tanaaf wonni dansaan akka isaaniif teetu hin daadimatin.
JER 14:12 Isaan laamanee daadimatanulle ani daadimata isaanii hin caqasu; woreega ciinca'aatii fi kennansa isaanii ka midhaanii, ani hin fudhadhu; ammoo ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin balleessa» jedhe.
JER 14:13 Achiin duuba ani, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa, raagoti isaaniin, ‹Isin shallaagaa yookiin beela hin dhaggitanu; addee tanatti Mootiin Waan Maraa nageya muummee hin qanne isiniif hin kenna› jedhiisatti jiran» jedhe.
JER 14:14 Mootiin Waan Maraalle anaan, «Raagoti maqaa kiyyaan raaga sobaa raagiisatti jiran malee, ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne. Isaan mudhii dharaa, moruu dharaa, waaqota dharaa waaqonfataa soba gadhaa ifii keessaa isiniif raagan.
JER 14:15 Tanaaf, raagota adoo ani isaan hin ergin maqaa kiyyaan raaga sobaa, ‹Beeltii fi shallaagaan lafa tanatti hin dhufanu› jettee raaddu, isaanuu beelaa fi shallaaga'aan hin badan.
JER 14:16 Kolbaan isaan itti raaganu beelaa fi shallaaga'aan karaa Yerusaalemii irratti hin du'an; nami isaanii fi niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi ijoollee durraa ta isaanii awwaalu hin jiru. Sababa yakkaa isaaniitiif ani balaa isaan irratti hin dhangalaasa.
JER 14:17 «Ati dubbii tana isaanitti dubbadhuutii, ‹Kolbaan tiyya madaa hantu'uun rakkatee, guddoo waan miidhanteertuuf, halkaniif guyyaa adoo wol irraa hin kutin, ilti tiyya imimmaan hin dhangalaatti.
JER 14:18 Gara baadiyya'aa yoo baye, worra shallaaga'aan qalame dhagga; gara qacha'aa yoo seene, worra beelaan farru dhagga; raagotii fi hayyooti asii fi achi joonjaneeran; waan hujanulle hin beekanu› jedhi» jedhe.
JER 14:19 Ee Mootii Waan Maraa! Ati kolbaa Yihuda'aa ijjumaa gattee? Ati Xiyoon hin tuffattee? Akka nuuti fayyuu hin dandeennetti ati maaf nu miite ree? Nuuti nageya addii godhannee ammoo waan dansaa hin dhagganne; Yennaa fayyinnaa eegannee ammoo bararaqiisaa calla'atti te'e.
JER 14:20 Ee Mootii Waan Maraa, nuuti si irratti cubbuu waan hunyeef, nuuti hammeenna keenna, yakkaa abbootii teenna ta duriille hubanneerra.
JER 14:21 Maqaa keetii jedhiitii nu hin tuffatin; barcumaa mootumma'aa keeti ka ulfinnaa hin salphisin. Gondooroo nu woliin gondooratte qaabadhu malee hin diigin.
JER 14:22 Waaqota dharaa ka gosa biyya adda addaa keessaa, ka bokkeya roobisiisuu dande'u jiraa ree? Ol-gubbaan ifumaan tiifuu gad kennitii ree? Waawwo'o! Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, tana ka godhu si'i. Tana mara ka godhu si waan te'eef, tanaaf, nuuti si'itti addanna.
JER 15:1 Achiin duuba Mootii Waan Maraa anaan, «Muuse'ee fi Saamu'el yoo na dura dhaabbatanelle, ani kolbaa tanaaf hin mararu. Fuula kiyya duraa isaan ari'i! Deemanuu ti.
JER 15:2 Isaan, ‹Nuuti eessa deenna› jedhanee yoo si gaafatane, akkuma ani Mootiin Waan Maraa sitti hime, « ‹Worri akka du'u itti murante, du'uu qaba; worri shallaaga'aan akka du'u itti murante, shallaaga'aan du'uu qaba; worri beelaan akka du'u itti murante, beelaan du'uu qaba; worri akka booji'amu itti murante, hin booji'ama› jedhiin.
JER 15:3 «Ani waan isaan balleessu afur shallaagaan akka isaan ijjeesu, sareen reeffa isaanii akka harkittu, allaatti'ii fi bineensoti nyaatanee akka isaan balleessanu isaanitti hin erga.
JER 15:4 Mootiin Yihuda'aa ilmi Hisqiyaasii minaaseen, Yerusaalem keessatti yakkaa waan hujeef, mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha.
JER 15:5 «Ee Yerusaalem! Eentu si'iif marara? Eentu si'iif bowa? Eentu dhaabbatee nageya si fuudha?
JER 15:6 Ati na lakkitteerta; gara duubaa deebiteerta; tanaaf harka kiyya si irratti diriirsee, si hin balleessa; haganaa achi si'iif hin mararu.
JER 15:7 Kolbaan tiyya karaa ifii irraa deebi'uu waan diddeef, akka nama horooro'oon midhaan qulleessuu, karra qachoota lafa sanii duratti ani isaan hin bittinneessa. Ijoollee isaanii fixee, kolbaa tiyyalle hin balleessa.
JER 15:8 Ani haadhotii hiyyeessaa ta isaanii, maansa abbaaya'aa caalaa akka bacatanu hin godha. Haadhotii dargaggootaatitti, guyyaa saafowaan ka balleessu itti hin fida. Farraa fi bararaqa dedhuma isaanitti hin fida.
JER 15:9 Haati ilmaan torbaa gaggaddee hin harganti; ifi guyya'aa isi'itti dukkana; isiin fokkifattee hin salphatti; worra jiru'uun hafe shallaagaa diinota isaaniititti, dabarsee hin kenna» jedhe.
JER 15:10 «Haadha tiyya, naaf aanne'e! Maaf na deette? Ani nama lafa tanaa mara woliin nama morkuu fi nama moromu te'eera. Ani eennulle'eef hin liqeessine yookiin eennu irralle'ee hin liqaaffanne; te'uu malee nami marti na abaara.
JER 15:11 Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan kaayoo dansa'aaf si baase; yennaa badi'ii fi rakkinna keetii diinoti keeti akka si kadhatanu hin godha.
JER 15:12 Nami sibiila yookiin sibiila sageettu'uu ka biyya kaabaatii dhufu cassuu hin dande'aa ree?
JER 15:13 «Sababa cubbuu teessanii maraaf karraa fi qabeenna keessan gatii malee worra saamutti dabarsee hin kenna.
JER 15:14 Aariin tiyya ibidda isin gubu isinitti waan qassiittuuf, lafa hin beenne keessatti diinota keessaniif garba akka teetanu isin hin godha» jedhe.
JER 15:15 Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa, ati hin beetta; na qaabadhuutii na qarqaar; worra na miidhulle ati naaf haluu bayi. Ati ossaamessa waan teeteef, na hin balleessin; ani si'iif jedhee akka salphadhe hin beetta.
JER 15:16 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Waan Mara Dandeettu, ani maqaa keetiin waan waamameef, jechi keeti yennaa gara kiyya dhufe, ani nyaadhee, gammadee burraaqe.
JER 15:17 Worra caaqu woliin tee'ee, isaan woliin hin laallifanne. Harka keeti jala waan jiruuf, ati aari'iin waan na guutteef, qofii tiyya tee'e.
JER 15:18 Dhibeen tiyya maaf natti jabaatte? Madaan tiyya maaf kulkultee fayyuu didde? Ati akka burqaa bisaanii ka nama sobuu, akka madda goguu maaf natti teeta ree?» jedhe.
JER 15:19 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Ati cubbuu irraa yoo deebite, ani adde'etti si hin deebisa; atille na hin tajaajilta. Ati dubbii woy hin baane lakkittee, dubbii woy baatu yoo dubbatte, ati ammalle raagaa kiyya hin teeta; kolbaan gara keeti deebituutii malee ati gara isaanii hin deebitu.
JER 15:20 Ani kolbaa tanaaf akka dalleya sibiila sageettu'uutiin ijaaramee si tolcha. Isaan si loliisaaf si irratti hin ka'an; ammoo ani si fayyisiisaa fi si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu.
JER 15:21 Ani harka worra hamoole'eetii si hin baasa; harka worra gadhi-jabeeyyi'ii keessalle'ee si hin woda» jedha.
JER 16:1 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
JER 16:2 «Ati addee tanatti niitii hin fuudhin; ilmaan yookiin ijoollee durraalle hin uumatin.
JER 16:3 Ilmaanii fi ijoolleen durraa ta asitti dhalatanu, haadhoti'ii fi abbootiin isaanii,
JER 16:4 dhukkuba hama'aan hin du'an; nami isaaniif bowu yookiin isaan awwaalu hin jiraatu. Isaan akka cego'oo lafatti hin gataman; shallaaga'aa fi beelaan hin badan; allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'an» jedhe.
JER 16:5 Mootiin Waan Maraa, «Ani nageya kiyya, jaalala kiyya ka bara baraatii fi marartii tiyya kolbaa tana irraa waan fudhadheef, mana bowaa hin seenin; bowiisaaf yookiin gaddisaaf hin dhaqin.
JER 16:6 Lafa tanatti worri gugurda'aa fi didiqqaan hin du'an; nami isaan awwaalu yookiin isaaniif bowu hin jiraatu; nami isaaniif ifi amaaxu yookiin mataa ifii haadatulle hin jiraatu.
JER 16:7 Worra nami irraa du'eef gaddu san jajjabeessiisaaf, nami haqaqoo geessuu hin jiraatu; worra abbaan yookiin haati irraa duuteeyyuu jajjabeessiisaaf daadhii woyni'ii nami geessu hin jiraatu.
JER 16:8 Isaan woliin teettee nyaattee uniisaaf mana jilaa hin seenin» jedha.
JER 16:9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Kunoo, ani fuula keessan duratti, bara keessanitti, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii addee tana keessaa hin balleessa.
JER 16:10 Ati waan kana mara kolbaa tanaaf yennaa hintu, isaan, ‹Mootiin Waan Maraa badii guddoo tana maaf nutti dubbata? Yakkaan teenna maan? Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuun nuuti hunye maan?› jedhanee yoo si gaafatane,
JER 16:11 ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Abbootiin teessan ta durii na lakkittee, waaqota dharaa ka dhibii hordottee, tajaajiltee waan waaqonfatteef tun teete; isaan na lakkisane; seera kiyyalle hin eegane.
JER 16:12 Isin ammoo abbootii teessan ta durii caalaa waan hantuu hujjane; tokko tokkoon keessan naaf ajajamiisa irra mataa jabeennaan hammeenna gadhaa keessanii attam attam akka hordottanu ilaala'a.
JER 16:13 Tanaaf ani lafa tana keessaa isin baasee, lafa isinii fi abbootiin teessan ta durii hin beenne keessatti isin hin gata; ani waan isiniif hin marareef, isin achitti waaqota dharaa ka dhibii halkanii fi guyyaa hin tajaajiltan jedha› jedhiin» jedhe.
JER 16:14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Guyyaan namooti, ‹Dhugaa Waaqaa jiraataa, Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa baasee› jedhanee hin kakanne hin dhufa;
JER 16:15 ammoo ani gara lafa abbootii isaanii ta duriitiif kenneetitti waan isaan deebisuuf, ‹Dhugaa Waaqa jiraataa Israa'eloota lafa kaabaa keessaa fi biyya isaan itti bittinneesse mara keessaa baasee fidee› jedhanee hin kakatan» jedhe.
JER 16:16 Mootiin Waan Maraa, «Amma ammoo ani akka qurxummi'ii worra kana akka guuranu nama hedduu hin erga; isaanille isaan hin guuran; achiin duuba adamsitoota hedduu hin erga; isaanille gaara mara irra, kooba mara irraa fi goda rassa'aa keessa isaan hin adansan.
JER 16:17 Ani waan isaan hujanu mara hin dhagga; isaan fuula kiyya duraa dhokatuu hin dande'anu; cubbuu isaaniille fuula kiyya duraa ta gollanteertuu moti.
JER 16:18 Isaan fakkii fokkisiittuu lubbuu hin qanneen lafa tiyya waan batteessaneef, waaqota dharaa battii sanille'een lafa tiyya waan guutaneef, sababa hammeennaa fi cubbuu isaaniitiif adabbii dachaa isaanitti hin fida» jedha.
JER 16:19 Ee Mootii Waan Maraa! Ati jabeennaa fi gollata kiyya; guyyaa rakkinnaalle addee ani itti baqadhu. Gosi biyya adda addaa lafa mara irraa dhufanee, «Abbootiin teenna ta durii waaqonfannaa dharaa, waaqota dharaa ka bu'aa hin qanne ka waan dansaa isaaniif hin goone malee, womaa hin qabanuuyyu» hin jedhan.
JER 16:20 Mootiin Waan Maraa, «Nami ifiif waaqa dharaa hujatuu dande'aa? Eeti'i! Ammoo Waaqa dhuga'aatii moti.
JER 16:21 Tanaaf ani isaan hin barsiisa; amma ani hunnaa tiyyaa fi jabeenna kiyya isaan hin barsiisa; achiin duuba isaan maqaan kiyya Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan» jedha.
JER 17:1 Mootiin Waan Maraa, «Cubbuun kolbaa Yihuda'aa feenii sibiilaatiin, arfii dhakaa almaaziitiin gadhaa isaaniitii fi gaafa addee ciinca'aa ka isaanii irratti qiriixantee barreeffanteerti.
JER 17:2 Ijoolleen isaaniituu addee ciinca'aa ta isaaniitii fi utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantu, ta muka bisilee jalaatii fi ta koobota dhedheertuu irraa qaabatan.
JER 17:3 Sababa cubbuu biyya teessaniitiif, gaara kiyya ka lafa teessan keessa jiru, qabeenna keessanii fi karra teessan mara addee waaqonfanna'aa woliin akka saamamu hin godha.
JER 17:4 Balleessaa teessaniif lafa ani isinii kenne dhaddan; aariin tiyya akka ibiddaa haga bara baraa akka bobeettu waan gootaneef, lafa isin hin beenne keessatti diinota keessaniif garba isin tolcha» jedha.
JER 17:5 Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Nami namatti addattu, ka nama foon uffatetti irkatee, jabeenna ifii godhatu, ka gadhaan isaa Mootii Waan Maraa irraa fagaate, ka abaarame.
JER 17:6 Inni akka tusee goomolee keessaa hin te'a; wonni dansaan yennaa dhuttu hin dhaggu. Lafa sooddaa ta nami keessa hin jirre, addee godduu goomolee keessa hin le'a.
JER 17:7 Ammoo nami Mootii Waan Maraa addatu, ka Mootii Waan Maraa addii godhatu ka eebbifame.
JER 17:8 Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee, ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te'a. Muki sun o'i yennaa dhufu hin sodaatu; baalli isaa yennaa mara bisile'e. Bara oola'aa hin yaadu; midhaan buusiisa hin lakkisu.
JER 17:9 Qalbiin namaa waan mara caalaa dabaalettii qajeeluu hin dandeenne. Eentu isii hubatuu dande'a ree?
JER 17:10 Ani Mootiin Waan Maraa nama maraaf akka ideensa isaatii fi akka hujii isaatitti gatii isaaf kenniisaaf, gadhaa namaatii fi qalbii namaa qorqoree hin ilaala» jedha.
JER 17:11 Nami dabaan karra wolitti qabatu, akka gororrii quuphaa ifii hin buusin dhoofattuu ti; wodhakkaa bara jiruu isaatitti wonni inni wolitti qabate sun marti, isa lakkittee hin dhumatti; muummee irratti inni gowwaa akka te'e hin mirkanootti.
JER 17:12 Barcumaan mootumma'aa ka ulfinnaa, durii jalqabee ka saadame, addee Dunkaanii Woyyittii teennaa ti.
JER 17:13 Ee Mootii Waan Maraa, addii Israa'elii, worri si lakkisu marti hin fokkifatan. Worri si irraa duubatti deebi'u, bisaan madda jiru'uu ka teete, si Mootii Waan Maraa waan lakkisaneef, akka barreeffama bukuu irraa ti.
JER 17:14 Ee Mootii Waan Maraa, ati ka ani leellifadhu waan teeteef, na fayyisi, anille hin fayya; na baasi, anille hin baya.
JER 17:15 Kolbaan, anaan, «Jechi Mootii Waan Maraa eessa jira? Me amma muummowuu ti» jedhiisatti jirti.
JER 17:16 Ani akka ati na ajajetti tissee te'iisa hin lakkinne; guyyaan hamaan akka dhufu akka ani hin halchin hin beetta; wonni ani dubbadhe marti si duratti ifa.
JER 17:17 Na hin sodaachisin; guyyaa rakkinnaa addeen ani itti baqadhu si'i.
JER 17:18 Worri na miidhu fokkifatuu ti; ani ammoo hin fokkifatin. Isaan bararaqanuu ti; ani ammoo hin bararaqin. Guyyaa badi'ii isaanitti fidi; badii dacha'aan isaan balleessi.
JER 17:19 Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii, karra kolba'aa, ta moototi Yihuda'aa ittiin ol seenanuu fi gad bayanu dura, karra Yerusaalemii ta dhibiille mara dura dhaabbadhuutii,
JER 17:20 isaaniin, ‹Isin moototi Yihuda'aa, kolbaan Yihuda'aa maraa fi worri Yerusaalem keessa leetanu karra tanaan worri ol seentanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin» jedhe.
JER 17:21 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa Sanbataa ba'aa hin ba'atina'a; karra Yerusaalemiitille'een akka ol hin seensinne lubbuu teessaniif ifi eegadha'a.
JER 17:22 Akkuma ani abbootii teessan ta durii ajaje, woyyummaa guyyaa Sanbataa eega'a malee, ba'aa ba'attanee mana keessanii hin bayina'a; hujii tokkolle hin hujina'a.
JER 17:23 Isaan ammoo hin dhageenne yookiin itti hin xiyyeeffanne; isaan akka hin dhageenne yookiin gorsa akka hin fudhanne mataa jabaatane.
JER 17:24 Isin ammoo akka dansaa yoo naa ajajantane, guyyaa Sanbataa ba'aa ba'attanee karra qachaa kanaatiin yoo ol hin seenin, hujii tokkolle hujuu dhaddanee, woyyummaa guyyaa Sanbataa yoo eeddane,
JER 17:25 moototi barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'anu qondaaltota ifii woliin karra qachaa kanaatiin ol hin seenan; isaanii fi qondaaltoti isaanii fardo'oo fi Garreettaa fardaan harkifamu irra tee'anee, worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'u woliin hin dhufan; qachaa kana keessa haga bara baraa nami hin le'a.
JER 17:26 Namooti qachaa Yihuda'aa keessaa, olloota adaala Yerusaalemiitii, lafa Beniyaaminiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuutii, biyya koobitti'ii fi biyya goomolee kibba Kana'aaniitii, kennansa gubamu fi ciincaa, kennansa midhaanii, hixaanaa fi kennansa galataa qabatanee gara Galma Mootii Waan Maraa hin dhufan.
JER 17:27 Isin ammoo naaf ajajamuu yoo diddane, woyyummaa guyyaa Sanbataa eegiisa yoo dhaddane, ba'aa ba'attanee karra Yerusaalemiitiin yoo ol seentane, karra Yerusaalemii keessatti ibidda hin dhaanne ka dalleya dhaka'aa Yerusaalemii nyaatee balleessu hin qassiisa» jedhe.
JER 18:1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:
JER 18:2 «Ka'iitii, gara mana nama faara dhowuu gad bu'i; ani achitti ergaa tiyya sitti hima» jedhe.
JER 18:3 Maarre ani gara mana nama faara dhowuu gad bu'ee, inni korboo ifii ta dhaka'aa irratti faara dhowuun dhagge.
JER 18:4 Okkoteen inni faara irraa dhowu sun ammoo harka isaatitti badde; maarre inni faaruma san akka isaaf toltetti deebisee okkotee dhibii huje.
JER 18:5 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
JER 18:6 «Ee, kolbaa Israa'elii! Akkuma nami Faara dhowu kun huju, anille isin hujuu hin dande'uu ree? Akkuma faarri harka nama faara dhowuu keessa jiru, isinille harka kiyya keessa jirtan.
JER 18:7 Ani kolbaan takka yookiin mootummaan takka, akka buqqaatu, akka diigantu fi akka baddu yoo dubbadhe, yennuma san
JER 18:8 kolbaan sunille waan hantuu irraa yoo deebite, ani badii isaanitti fidiisaaf yaade san hin lakkisa.
JER 18:9 Ani Yennaa dhibiille Kolbaa takka yookiin mootummaa takka ijaaree dhaabiisaaf yoo dubbadhe,
JER 18:10 kolbaan sunille na duratti waan hantuu hujjee naaf yoo ajajamuu didde, waan dansaa isaaniif godhiisaaf yaade san hin lakkisa.
JER 18:11 Tanaaf amma ati kolbaa Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'uun, Kunoo Mootiin Waan Maraa, ‹Badii isiniif qopheessiisatti jira; karoora hamaalle isin irratti baasiisatti jira; maarre isin martinuu karaa hamaa keessan irraa deebi'a'aatii, tokko tokkoon keessan karaa keessanii fi hujii teessan qajeelfadha'a› jedheera.
JER 18:12 Isaan ammoo, ‹Lakkii, kun bu'aa hin qabu; nuuti karooruma keenna gula deenna; tokko tokkoon keennaayyuu mataa jabeenna hantuu gadhaa keennaa gula deenna› hin jedhan» jedhe.
JER 18:13 Tanaaf Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Me odduu gosa biyya adda addaa gaafadha'a; waan akkasii nami dhage'ee beeku jiraa? Kolbaan Israa'elii waan nafa namaa shuguggeessu hujjeerti.
JER 18:14 Dhakaan bokkeyaa ka Libaanonii, rassaa goodda isi'ii irraa dhabamee beekaa? Bisaan dillowaan gaara Libaanonii irraa gad yaa'u gogee beekaa?
JER 18:15 Kolbaan tiyya ammoo na deeteerti; isaan waaqota dharaa ka woy hin baaneef, ka karaa isaanii ka durii irraa isaan gufachiisee, karaa hin teene irra isaan ideensisuuf hixaana aarsaneeran.
JER 18:16 Latti isaanii ontee, haga bara baraa ta murgo'oo hin teeti; nami karaa san dabaru marti baaseffatiisaan mataa ifii raasan.
JER 18:17 Akka qilleensa karaa aduun baatuu, diinota isaanii duratti ani isaan hin bittinneessa; guyyaa badiin isaanitti dhuttu, ani dudda kiyya isaanitti mudhisa malee fuula kiyya isaanitti hin mudhisu» jedha.
JER 18:18 Achiin duuba isaan, «Seera barsiisiis hayyoota biraa, gorsi qaroolee biraa, jechi raagota biraa waan hin dhabanneef, maarre kowa'a, Ermiyaas irratti mala dhoonnee, waan inni dubbatu mara dhage'uu didannee, dubbi'iin isa rakkinna» jedhane.
JER 18:19 Maarre ani daadimadhee, «Ee Mootii Waan Maraa naa caqasi; waan diinoti kiyya jedhanu dhage'i!
JER 18:20 Gatii waan dansa'aa waan hantuu kaffalanii ree? Isaan ammoo boolla naaf qotaneeran; mufii teeti akka ati isaan irraa deebifattuuf, fuula keeti dura dhaabbadhee, isaaniif akka ani si kadhadhe qaabadhu.
JER 18:21 Tanaaf ijoollee isaanii beelessi; shallaaga'aaf dabarsiitii isaan kenni! Niitoti isaanii ta ijoollee hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa te'anuu ti. Dhiira isaanii fixi; dargaggooti isaanii lola keessatti akka qalamanu godhi.
JER 18:22 Isaan na qabiisaaf boolla waan qotaneef, miila kiyyaaf tiyyoo waan afaneef, yennaa ati dedhuma worra isaan lolu itti fidde, mana isaanii keessaa iyyi dhage'antuu ti.
JER 18:23 Ee Mootii Waan Maraa! Mala isaan na ijjeesiisaaf dhowane, ati hin beetta. Yakkaa isaanii isaaniif hin araaramin; cubbuu isaaniille fuula keeti duraa haxoottee hin balleessin. Isaan fuula keeti duratti jiganee badanuu ti; ati yennaa isaanitti aarte isaanitti muri» jedhe.
JER 19:1 Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii nama faara dhowu irraa okkotee bitadhu; jaarsolee kolba'aa keessaa garii, maanguddoota hayyootaa keessalle'ee garii qabadhuutii
JER 19:2 gara dhooqa Ben-Hiinomii ta seensuma karaa karra basso'oo biraa gad bayi; achitti waan ani sitti dubbadhu lallabiitii,
JER 19:3 ‹Ee mootota Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: ani badii dhage'iisaaf gurra namaatitti hin tolle addee tana irratti hin fida.
JER 19:4 Sababille isaan na lakkisanee addee tana ta waaqota ormaa godhaneeran. Isaan addee tana keessatti waaqota ifiifuu hin beenne, ka abbootiin isaaniitii fi moototi Yihuda'aalle ijjumaa hin beenneef hixaana aarsanee, dhiiga worra yakkaa hin qanneetiin addee tana guutaneeran.
JER 19:5 Isaan waan ani hin ajajin yookiin ani hin dubbatin, yookiin ta ani ijjumaa hin yaadatin, ilmaan ifii ibiddaan gubanee Ba'aaliif kennansa dhikeessiisaaf, addee waaqonfanna'aa Ba'aaliif ijaarane.
JER 19:6 Tanaaf kolbaan addee tana «Dhooqa qalmaa» jetti malee, «Toofet» yookiin «Ben-Hiinom» jettee barri hin waanne hin dhufa› jedhi.
JER 19:7 Ani addee tanatti karoora kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'elii hin diiga. Ani diinota isaanii duratti harka worra lubbuu isaanii barbaaduutitti shallaaga'aan akka isaan ijjeefamanu hin godha; reeffa isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin godha.
JER 19:8 Ani qachaa kana diigee, waan ittiin murganu hin godha; sababa gaargala isi'ii maraaf worri karaa san dabaru marti hin maadeffata.
JER 19:9 Ani foon ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ifii akka isaan nyaatanu hin godha; diinoti isaanii ka lubbuu isaanii balleessiisaaf barbaadu yennaa isaan marsee rakkisu, isaan foon wolii hin nyaatan.
JER 19:10 «Achiin duuba worra si woliin jiru san duratti okkotee cassiitii,
JER 19:11 isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: Akkuma okkoteen nama faara dhowuu bututteen duuba deebitee suphamuu hin dandeenne, akkuma kana ani kolbaa tanaa fi qachaa kana hin butucha; haga addee itti awwaalanu dhabantutti reeffa isaanii Toofetitti hin awwaalan.
JER 19:12 Ani addee tanaa fi worra as keessa le'u mara irratti tana hin godha. Ani qachaa kana akka Toofetii hin godha.
JER 19:13 Kolbaan heellichoo mana ifii irratti waaqota ifii waan waaqonfataneef, manni Yerusaalem keessaatii fi manni mootumma'aa ka mootota Yihuda'aa akka addee tanaa, akka Toofetii hin battowan; isaan urjoota waaqonfatanee, isaan ulfeessiisaaf hixaana aarsanee, waaqonfatiisaaf kennansa daadhii woyni'ii kennaneeran› jedhiin» jedhe.
JER 19:14 Ermiyaas addee Mootiin Waan Maraa akka inni raaga dubbatuuf erge Toofetii deebi'ee, badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessa dhaabbatee, kolbaa maraan,
JER 19:15 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isaan mataa jabaatanee jecha kiyya waan hin caqasiniif, ani qachaa kanaa fi ollaa adaala qachaa kanaa jiru maratti badii itti fidiisaaf dubbadhe mara hin fida› jedha» jedhe.
JER 20:1 Dura bu'aan Galma Waaqaa, ilmi Iimerii hayyichi Phashihur, Ermiyaas raaga kana raaguun yennaa dhage'e,
JER 20:2 raagicha Ermiyaas dhaanee, karra Galma Waaqaa ta Beniyaaminii ta gatiiti'iititti miila isaa jirma lama wodhakkaa galchee hidhe.
JER 20:3 Boruyyaa Phashihur yennaa jirma lama san wodhakka'aa Ermiyaas hiike, Ermiyaas isaan, «Haganaa achi Mootiin Waan Maraa, ‹Maagor Miisaabiib› jedhee si waama malee ‹Phashihur› si'iin hin jedhu» jedhe.
JER 20:4 Mootiin Waan Maraa, «Si'ii fi jaalota teeti mara akka bararaxxanu hin godha; adoo ati ilaan dhaggituu shallaagaa diinotaatiin hin dhumatan; ani kolbaa Yihuda'aa mara harka mootii Baabilonii ka isaan booji'utti yookiin ka isaan ijjeesutti dabarsee hin kenna.
JER 20:5 Qabeenna qachaa kanaa mara, waan qachaan kun dhaggatu mara, meya gatii guddo'ootii fi karra mootota Yihuda'aa mara harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaanille saamanee gara biyya Baabilonii hin geessan.
JER 20:6 Ee Phashihur, atii fi worri mana keeti keessa le'u marti gara Baabilonii booji'antanee hin deentan; ati jaalota teeti ta raaga dharaa isaaniif raadde mara woliin duutee, achitti hin awwaalanta» jedhe.
JER 20:7 Ee Mootii Waan Maraa! Ati na sodde; anille sobame. Ati na caalaa jabaa waan teeteef na injifatte. Guyyaa mara nami natti murga; nami marti natti kolla.
JER 20:8 Ani yennaa dubbadhu mara qoonqoo ol qabadhee, marroo hunnaan nama irratti ka'iisaatii fi marroo badi'ii dubbadha; guyyaa mara Jechi Mootii Waan Maraa arrabaa fi qaanii natti fide.
JER 20:9 Ani ammoo, «Haganaa achi maqaa waaqaa hin dhowu; maqaa isaatille'een waan tokkolle hin dubbadhu» yoo jedhe, jechi isaa gadhaa kiyya keessatti akka ibiddaa bobe'ee, lafee tiyya keessa lixe. Ifi keessatti qabatiisa dadhabe; ijjumaa hin dandeenne.
JER 20:10 Ani worri bacaan hasaasaa, «Bararaqi addee mara jira; waan inni jedhe hima'a! Kowa'a waan inni jedhe hinnaa!» jedhanuun dhage'e. Jaaloti tiyya marti, «Inni hin sobama fa'a te'a; achiin duuba isa injifannee, haluu teennalle isa hin baana» jedhaa gufatiisa kiyya eegan.
JER 20:11 Mootiin Waan Maraa ammoo akka loltuu jabaa jannaa na woliin jira; tanaaf worri na ari'u hin jiga malee na hin injifatu. Isaan akka malee qaanowan malee wonni isaan yaadanu isaaniif hin teetu. Salphinni isaaniille ijjumaa hin dedhamu.
JER 20:12 Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, ka balchaa haga ilaaltu, ka gadha'aa fi qalbii qorqortu, haajaa kiyya waan sitti kennadheeruuf, yennaa ati isaan haluu baatu, ani isaan dhagguu ti.
JER 20:13 Mootiin Waan Maraa lubbuu worra rakkata'aa harka worra hamoole'ee keessaa waan baaseef isaaf faarsa'a; isa leellifadha'a.
JER 20:14 Guyyaan ani dhaladhe ka abaarame te'uu ti! Guyyaan haati tiyya na deette hin eebbifamin!
JER 20:15 Nami abbaa kiyyaan, «Ilmi si'iif dhalateera» jedhee, oduu gammadaa itti himee isa gammachiisu ka abaarame te'uu ti.
JER 20:16 Nami sun akka qachaa marartii malee Mootiin Waan Maraa balleessee te'uu ti! Ganama bowa, orraa iyya lolaa dhage'uu ti!
JER 20:17 Sababille inni gadhaa haadha tiyyaa keessatti na hin ijjeenne; silaa isiin addee awwaalaa naaf teetee, haga bara baraa gadhaachottee turtiiyyu.
JER 20:18 Ani rakkinnaa fi gadda dhaggiisaaf bara kiyya qaani'iin muummeffatiisaaf gadaamessa haadha tiyyaa keessaa maaf baye?
JER 21:1 Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaan, ilma Malkiiya'aa Phashihurii fi ilma Ma'aseya'aa Sefaaniyaasii hayyicha gara Ermiyaasii yennaa erge, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe;
JER 21:2 worri mooticha biraa ergame sun Ermiyaasiin, «Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar waan nu lolaaruuf, maganne'e Mootii Waan Maraa nu'uuf gaafadhu; Mootiin Waan Maraa akkuma qaraa bilbaasa hujee akka mootichi nu irraa deebi'u hin godha fa'a te'a» jedhane.
JER 21:3 Ermiyaas ammoo deebisee isaaniin, «Dhaqa'aatii Zedeqiiya'aan,
JER 21:4 ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, worra dalleyaan alaan isin marsane, mootii Baabiloniitii fi worra baabilonii loliisaaf meya woraanaa ka isin harkatti qabattane san isin irratti garagalcha; qachaa kana keessalle'etti isaan wolitti hin qaba.
JER 21:5 Aninuu harka kiyya diriirfadhee irree jaddu'uun, aari'iin, aarii bobeettuu fi mufii guddo'oon isin hin lola.
JER 21:6 Namaa fi horii qachaa kana keessa jiranu mara dhowee, balaa gudda'aan hin fixa.
JER 21:7 Saniin duuba mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa qachaa kana keessaa worra balaa irraa, shallaaga'aa fi beela irraa lubbu'uun hafane, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariititti, harka diinota isaanii worra jiruu isaanii balleessiisaaf barbaaduutitti dabarsee isaan hin kenna; mootichi shallaaga'aan isaan hin ijjeesa; inni isaaniif hin mararu yookiin isaaniif hin nawu yookiin gadhaa hin laafu› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.
JER 21:8 Mootiin Waan Maraa ammalle raagichatti dubbatee, «Kolbaa tanaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani karaa jiru'uutii fi karaa du'aa isin dura keyeera.
JER 21:9 Nami qachaa kana keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aa hin du'a; nami achi keessaa bayee worra Baabilonii ka qachaa marsanetti harka kennate ammoo hin du'u; jiruulle'een hin baya.
JER 21:10 Ani qachaa kana irratti waan dansaa adoo hin te'in waan hantuu godhiisaaf murteeffadheera; qachaan kun harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille ibiddaan hin guba› jedha.
JER 21:11 «Mana mootummaa Yihuda'aatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhiin.
JER 21:12 Ee sanyii Daawitii, Mootiin Waan Maraa isiniin, ‹Sababa hujii hantuu isin hujjaneef, aariin tiyya akka ibidda eennulle dhaanfuu hin dandeennee akka hin bobeenne, guyyaa mara haqa huja'a; nama saamame harka worra isa cunqursuu keessaa baasa'a.
JER 21:13 «‹Ee qachaa Yerusaalemii, ka dhooqaan gubbaa, lafa rassittii gooroo irra jiru; ani si hin morma; isin worri: Eentu dhufee nu mormuu dande'a? Eentu addee nuuti itti baqanne seenuu dande'a? jettanu
JER 21:14 Ani akkuma hujii teessaniititti isin hin adaba; mana mootumma'aa keessan, ka «Gongomaa» jedhamutti ibidda qassiisee waan adaala san jiru mara hin fixa› jedheera» jedhe.
JER 22:1 Mootiin Waan Maraa, «Gara mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa gad dhaqii achitti ergaa tana lallabiitii:
JER 22:2 ‹Ee mootii Yihuda'aa ka barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra teetteertu, qondaaltoti teetii fi kolbaan teeti ta karra tanaan seentu jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhi» jedhe.
JER 22:3 Yennaa san raagichi, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e huja'a. Nama saamame harka worra isa cunqursuutii baasa'a. Nama ormaa, ijoollee abbaa hin qanne yookiin haadha hiyyeessaa irratti yakkaa hin hujina'a yookiin hunnaan irratti hin ka'ina'a. Addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qanneelle hin dhangalaasina'a.
JER 22:4 Isin ajaja kana akka dansaa yoo eegattane, moototi barcumaa mootumma'aa ka Daawitii irra tee'anu, qondaaltotaa fi kolbaa ifii woliin garreettaa fardaan harkifamuu fi farda irra tee'anee karra mana mootumma'aa tanaan seenaa hin bayan.
JER 22:5 Isin ajaja kana yoo hin eegatin ammoo manni mootumma'aa kun akka diigamu aninuu kakadheera› » jedha.
JER 22:6 Mootiin Waan Maraa marroo mana mootummaa mootii Yihuda'aatiif, «Ati manni mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa, akka Giil'aadiitii fi akka qaccee gaara Libaanonii miidhagaa naaf teetulle, ani dhugumaan akka lafa goomole'ee, akka qachaa nami keessaa hin jirree si hin godha.
JER 22:7 Worri si balleessu meya woraanaa qabatee akka sitti dhufu hin godha; isaan utuboota muka hindheensaa keeti miidhagaa san mummuranee ibiddatti hin gatan.
JER 22:8 «Gosi biyya adda addaa bacaan qachaa kana keessa dabaraa: ‹Mootiin Waan Maraa qachaa guddaa kana maaf akkana godhe?› jedhaa wol gaafatan.
JER 22:9 Achiin duuba: ‹Isaan gondooroo Mootii Waan Maraa ta Waaqa ifii diiganee, waaqota dharaa dhibii waaqonfatanee waan tajaajilaneef tun teete jedhan› jedha» jedhe.
JER 22:10 Mootichi booji'ame ijjumaa waan hin deebinneef, biyya itti dhalate san deebi'ee waan hin dhaggineef isaaf bowa'a malee mooticha du'eef hin bowina'a; hin gaddinaalle'e.
JER 22:11 Mootiin Waan Maraa marroo Shaalumiin ilmi Yosiyaasii ka addee abbaa ifii bu'ee Yihudaa irratti mootii te'ee, «Inni haganaa achi as hin deebi'u;
JER 22:12 inni addee booji'amee dhaqe sanumatti du'a malee lafa tana deebi'ee hin dhaggu.
JER 22:13 «Nama mana mootumma'aa ka ifii seera malee, kolloo ifii ta mana irraalle haqa malee ijaarsifatuuf, ka kolbaa ifii akkasumaan hujisiifatuuf, ka eloo isaaniif hin kaffalleef aanne'e!
JER 22:14 Inni, ‹Ani mana mootumma'aa guddaa, ka kolloo badhoo ifi irraa qabu hin ijaarradha; foddaa hedduu itti hin baafadha; muka birbirsaatiin seefadhee halluu diintuu itti halladha› hin jedha.
JER 22:15 Mana keeti muka birbirsaatiin ijaaratiisaan mootii teete seetaa? Abbaan keeti haqaa fi balchummaa waan hujeef waan nyaatuu fi unu dhabeeraa? Maarre wonni marti isaaf teeteerti.
JER 22:16 Inni worra hiyyeessaa fi worra rakkata'aafille, haqaan mureera; tanaaf wonni marti isaaf teete. Ana Mootii Waan Maraa beekiisi tana jechu'uu motii ree?
JER 22:17 Ilti teetii fi gadhaan keeti ammoo bu'aa dabaan dhaggatanu irratti, dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasiisa irratti, nama miidhiisaa fi saamiisa irratti xiyyeeffatan.
JER 22:18 Tanaaf mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimii ilma Yosiyaasiitiif, nami, ‹Aannee obboleessa kiyya! Aannee obboleettii tiyya! Aannee goottaa kiyya! Aannee arnya isaa!› jedhee isaaf bowu hin jiru;
JER 22:19 inni akka harree duutee harkifamee, dalleya Yerusaalemiitiin alatti hin gatama.
JER 22:20 Ee kolbaa Yerusaalemii! Jaaloti teessan waan badaneef gara Libaanonii ol baya'aatii iyya'a! Qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii Baashaan keessatti dhageessisa'a; gaara Abaariimii irralle'etti iyya'a!
JER 22:21 Yennaa isin nageyaan jirtanu, ani isinitti dubbadheera; isin ammoo dhage'uu diddane. Bara ijoollummaa teessaniitii jalqaddanee kanuma hujjane; isin naaf hin ajajanne.
JER 22:22 Sooressitoota teessan mara qilleensi fuudhee hin dabara; jaaloti teessanille booji'amanee hin deeman; Achiin duuba isin sababa hammeenna keessaniitiif qaanotanee hin salphatan.
JER 22:23 Isin worri hindheensa Libaanoniitiin mana mootumma'aa keessa ijaarrattanu, akka dubartii ciniinsifattuu rakkoon yennaa isin dhaqqadde, attam attam aaddan ree?
JER 22:24 «Ee Yehoyaakiinii mootii Yihuda'aa, ilma Yehoyaaqiimii! Dhugaa ana Waaqa jiraata'aa, ati chaappaa qubee harka kiyyaa middichaa adoo teetee jiraattelle'ee ifi irraa baasee si hin gata.
JER 22:25 Ani harka worra si ijjeesiisaaf barbaadutti, harka worra ati sodaatutti, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariitii fi harka worra Baabiloniititti dabarsee si hin kenna.
JER 22:26 Ani si'ii fi haadha teeti ta si deette gara biyya dhibi'ii ta isin keessatti hin dhalatinitti isin hin gata; isin lamaanuu achitti hin duutan.
JER 22:27 Lafa itti deebi'iisaaf dharraatanu sanitti ijjumaa hin deebitanu» jedhe.
JER 22:28 Yehoyaakiin kun akka okkotee caddee ta nami hin barbaannee, ka tuffatamee ree? Innii fi ijoolleen isaa lafa hin beennetti maaf gatamane ree?
JER 22:29 Ee lafa! Lafa! Lafa! Jecha Mootiin Waan Maraa dhage'i!
JER 22:30 Mootiin Waan Maraa, «Sanyii namicha kanaa keessaa, haganaa achi dhalatee barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'u, yookiin ka biyya Yihuda'aa bulchu tokkolle waan hin jiraanneef, inni akka nama ijoollee hin qannee, akka nama bara jiruu ifii keessatti wonni tokkolle isaaf hin tolinii akka te'e galmeessi!» jedhe.
JER 23:1 Mootiin Waan Maraa, «Tissitoota addee tika kiyyaatii hoolota tiyya bittinneessitee balleessituuf aanne'e!» jedha.
JER 23:2 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii marroo bulchitoota kolbaa tiyya eedduutiif, «Isin kolbaa tiyya bittinneessitanee waan ariitaneef, akka maltetti waan hin eeginiif, waan hantuu isin hujjaneef ani isin hin adaba.
JER 23:3 Aninuu kolbaa tiyya ta lubbu'uun hatte, biyya isaan itti bittinneesse san mara keessaa wolitti qabee biyya isaaniititti isaan hin deebisa; isaan achitti horanee hin bacatan.
JER 23:4 Ani tissitoota isaan eeddu isaaniif hin kaasa; isaan haganaa achi hin sodaatanu yookiin hin bararaqanu, tokkolle isaan keessaa hin dhidhatu» jedha.
JER 23:5 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, barri ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchumma'aan bulchu kaasu dhufaara; inni lafa irratti qarumma'aan bulchaa, waan sirrii te'e hujaa muraa haqaalle hin mura.
JER 23:6 Bara isaa keessatti kolbaan Yihuda'aa diina ifii jalaa hin baati; kolbaan Israa'eliille nageyaan hin leeti. Maqaan isaalle, ‹Mootiin Waan Maraa balchummaa teenna› jedhamee hin waamama.
JER 23:7 «Tanaaf barri kolbaan, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase› jedhanee kakatuu lakkisanee,
JER 23:8 ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka Israa'eloota biyya kaabaatii fi addee isaan itti bittinneesse keessaa baasee› jedhanee kakatanu hin dhufa» jedha. Achiin duuba lafa ifii keessa hin le'an.
JER 23:9 Marroo raagotaatiif: Gadhaan kiyya raafameera; lafeen tiyya hollatteerti. Sababa Mootii Waan Maraatiif, sababa jecha woyyicha isaatiif, ani akka nama machowee, akka nama daadhii woyni'ii unee ifi wollaalee te'eera.
JER 23:10 Latti worra gaarayyeeffatuun guutanteerti; sababa kanaaf Mootiin Waan Maraa lafa abaaree, latti tun gadditeerti; kaloon goomolee keessaalle qoorteerti. Raagoleen marti waan hantuu hordottee, baallii ifii seera malee itti fayyadamaneeran.
JER 23:11 Mootiin Waan Maraa, «Raagotii fi hayyooti worra Waaqa malee le'u; Galma kiyya keessattuu ani hammeenna isaanii dhaggeera.
JER 23:12 Tanaaf karaan isaanii mucucaataa hin te'a; isaan gara dukkanaa gatamanee achitti hin jigan; bara isaan adabamanu ani badii isaanitti hin fida» jedha.
JER 23:13 Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Ani raagota Samaariya'aa oddu'utti waan nama jibbisiisu dhaggeera; isaan maqaa Ba'aaliitiin raaga dubbataa kolbaa tiyya Israa'el dokonkorsan.
JER 23:14 Raagota Yerusaalemii odduulle'etti waan nama shuguggeessu dhaggeera; isaan hin gaarayyeeffatan; dharaan ideeman. Nami tokkolle hammeenna irraa akka hin deebine worra hantuu huju jajjabeessan. Marti isaaniituu na duratti akka qachaa Sodoomii, kolbaan Yerusaalem keessa leetu, akka qachaa Gomora'aa battowaneeran» jedha.
JER 23:15 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo raagota Yerusaalemii: «Raagoti Yerusaalemii Waaqa malee le'iisa biyya duudii irra waan babadhisaneef, sagalee hadhoottuu isaan hin nyaachisa; bisaan hadhaa qabu isaan hin obaasa» jedha.
JER 23:16 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: «Waan raagoti isiniif raaganu hin dhage'ina'a; isaan addii sobaatiin isin guutan. Waan yaada isaaniititti mudhate dubbatan malee waan ani dubbadhee moti.
JER 23:17 Isaan worra na tuffatuun, ‹Mootiin Waan Maraa: Nageyaan hin leetan jedha; worra mataa jabeenna ifii hordofuun ammoo: Wonni hantuun isinitti hin dhuttu jedha› jedhan» jedha.
JER 23:18 Isaan keessaa jecha isaa dhaggiisaaf yookiin dhage'iisaaf ka marii Mootii Waan Maraa keessa dhaabbate eennu? Jecha isaa caqasee eentu dhage'e?
JER 23:19 Kunoo mufiin Mootii Waan Maraa ta akka bubbee bokkeyaa hin kaati; hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti.
JER 23:20 Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessin mufiin isaa duubatti hin deebitu; bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan.
JER 23:21 Mootiin Waan Maraa, «Ani raagota tana hin ergine; te'uu malee isaan ifumaaf ergaa ifii fudhatanee fiigane; ani isaanitti hin dubbanne, te'uu malee isaan raaga dubbatane.
JER 23:22 Isaan adoo marii tiyya keessa dhaabbatanee jiraatanee, silaa jecha kiyya kolbaa tiyyaaf lallabanee, karaa hamaa isaanii irraa, hujii hantuu isaanii irralle'ee isaan deebisaneeraniiyyuu.
JER 23:23 Ani Waaqa dhikoo callaa jiruu ree? Ani Waaqa fagoolle jiruu motii ree?
JER 23:24 Akka ani isa hin dhaggine, addee dhokaataatitti nami dhokatuu dande'u jiraa ree? Lafaa fi ol-gubbaa ka guute anaa motii ree?
JER 23:25 Ani raagota maqaa kiyyaan, ‹Ani oojjuu oojjadhe! Ani oojjuu oojjadhe!› jedhaa raaga sobaa raaganu dhage'eera.
JER 23:26 Wonni kun haga yoomii gadhaa raagota dharaa worra yaada ifii keessaa fuudhanee raaga dharaa raaganu keessa jiraatti?
JER 23:27 Akkuma abbootiin isaanii ta durii Ba'aal waaqonfatiisaan maqaa kiyya dedhane, oojjuu isaan wolitti himanuun, kolbaan tiyya maqaa kiyya akka deetu waan godhane isaanitti fakkaatti.
JER 23:28 Raagichi oojjuu oojjate, oojjuma ifii san himuu ti; ka ani jecha kiyya itti dubbadhe ammoo addatamumma'aan isuma dubbatuu ti. Hicaace'ee fi midhaan tokkummaa maan qaban?
JER 23:29 Jechi kiyya akka ibiddaatii motii ree? Akka burrisa rassaa butuchuutii motii ree?
JER 23:30 Tanaaf ani raagota jecha wol irraa dhage'aa, akka na irraa dhage'aneetitti dubbatanu,
JER 23:31 raagota ifumaaf dubbataa, ‹Mootii Waan Maraatitti dubbatte› jedhanulle hin morma;
JER 23:32 kunoo ani raagota oojjuu dharaatiin raaganu hin morma; ani adoo isaan hin ergin yookiin isaan hin ajajin dharaan kolbaa tiyya dokonkorsan; isaan kolbaa tanaaf woy hin bayanu» jedha.
JER 23:33 Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan tun yookiin raagichi tokko yookiin hayyichi tokko, ‹Ergaan Mootiin Waan Maraa maan?› jedhanee yennaa si gaafatane, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ba'aan ulfaattuun isin; ani ifi irraa fuudhee isin hin gata jedha› jedhiin.
JER 23:34 Raagichi tokko yookiin hayyichi tokko yookiin eennulle, ‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› yoo jedhe, ani nama sanii fi maatii isaa hin adaba» jedhe.
JER 23:35 Ermiyaas kolba'aan, «Tokko tokkoon keessan, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan kenne?› Yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate› jedhee jaala ifii yookiin fira ifii gaafatuu ti malee,
JER 23:36 ‹Tun ergaa Mootii Waan Maraa ti› jedhee hin dubbatin. Sababille isin jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka Waaqa jiraataa keennaa waan micciirtanuuf, ka isin dubbattanu erguma teessan.
JER 23:37 Tanaaf isin, ‹Mootiin Waan Maraa deebii maan isiniif kenne› yookiin, ‹Mootiin Waan Maraa maan dubbate?› jedha'aatii raagota gaafadha'a.
JER 23:38 Isin, ‹Ergaan tun ta mootii Waan Maraa ti› jettanulle, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti akka isin hin jenne adoo isinitti himuu, isin: Ergaan tun ta Mootii Waan Maraa ti jettane.
JER 23:39 Tanaaf, ani dhugumaan isinille, qachaa isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin dedha; fuula kiyya duraa isin hin gata.
JER 23:40 Salphinnaa fi qaanii bara baraa ta ijjumaa hin dedhanne isinitti hin fida› jedha» jedhe.
JER 24:1 Mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar, mootii Yihuda'aa Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiimii, qondaaltota Yihuda'aa, worra hujii harkaa hujuu fi worra sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'ee gara biyya Baabilonii geesseen duuba, Mootiin Waan Maraa kollonjoo lama ta midhaan harru'uu qaddu, ta Galma Mootii Waan Maraa dura keyane natti mudhise.
JER 24:2 Kollonjoon takkaan midhaan muka harru'uu dansaa ka dursee bilchaate fakkaatu qaddi; ta lammeesso'oo ammoo midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne qaddi.
JER 24:3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee, Ermiyaas, maan dhaggiisatti jirta?» jedhe; anille deebisee, «Midhaan muka harru'uu dhaggiisatti jira; midhaan sun dansaan guddoo dansa'a; hamaan ammoo akka malee hamaa ka nami nyaatuu hin dandeenne» jedheen.
JER 24:4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
JER 24:5 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Worra biyya Yihuda'aa keessaa booji'amee gara biyya Baabilonii akka dhaqanu godhe kana akkuma midhaan muka harru'uu dansaa kanaa isaan hin ilaala.
JER 24:6 Ani akka isaan hin miidhanne isaan eegee gara lafa tanaa akka isaan deebi'anu hin godha; ani isaan hin ijaara malee hin diigu; hin dhaaba malee hin buqqisu;
JER 24:7 ani qalbii isaan ittiin ani Mootii Waan Maraa akka te'e beekanu isaaniif hin kenna; gadhaa tokkochaan gara kiyya waan deebi'anuuf, isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaaniif hin te'a.
JER 24:8 «‹Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaa, worra lubbu'uun hafee Yerusaalem keessa yookiin biyya Gibxi'ii keessa le'u akkuma midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee san hin godha.
JER 24:9 Ani mootummoota biyya lafa maraa duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; addee ani itti isaan bittinneesse maratti akka namooti itti mammaakanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaan abaaranu hin godha.
JER 24:10 Lafa ani isaanii fi abbootii isaaniitii kenne keessaa haga isaan badanutti shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti hin erga› jedha» jedhe.
JER 25:1 Ilmi Yosiyaasii Yehuyaaqiim biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti marroo kolbaa Yihuda'aa maraaf jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe.
JER 25:2 Maarre raagichi Ermiyaas kolbaa Yihuda'aa maraa fi worra Yerusaalem keessa le'u maratti dubbatee,
JER 25:3 «Ilmi Amoonii Yosiyaas motii Yihuda'aa te'ee woggaa kudhanii sadeesso'ootii jalqabee, haga guyyaa adhaa woggaa diddamii sad jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, anille itti deddeebi'ee isinitti hime; isin ammoo hin dhageenne.
JER 25:4 Mootiin Waan Maraa tajaajiltoota ifii raagota mara itti deddeebi'ee gara keessan erge; isin hin caqanne yookiin hin dhageenne.
JER 25:5 Isaan, ‹Tokko tokkoon keessan, karaa hama'aa fi hujii hantuu teessan irraa amma deebi'a'a; lafa Mootiin Waan Maraa bara baraa haga bara baraa isinii fi abbootii teessaniif kenne keessa le'a'a.
JER 25:6 Waaqota dhibii waaqonfatiisaaf, isaan tajaajiliisaafille hin hordofina'a; akka inni isin hin adanne hujii harka keessaniitiin Mootii Waan Maraa hin aarsina'a› isiniin jedhane.
JER 25:7 Mootiin Waan Maraa, ‹Isin ammoo na hin caqanne; hujii harka keessaniitiin na aarsitanee miidha ifi irratti fiddane› jedha.
JER 25:8 «Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Isin jecha kiyyaaf waan hin ajajaminiif,
JER 25:9 kunoo ani kolbaa gara kaabaa mara fi tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee lafa tanaa fi kolbaa isii keessa leetu, gosa biyya adda addaa ta adaala isi'ii jirtu mara akka lolanuuf hin fida; ani ijjumaa isaan hin balleessa; waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan nami itti murguu fi haga bara baraa ona isaan hin godha.
JER 25:10 Ani qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoo daaku'uutii fi ifa issa'aa odduu isaaniitii hin balleessa.
JER 25:11 Latti tun duudiin goomolee duwwaa teetee, gosi biyya adda addaa tunille woggaa torbaatama mootii Baabilonii hin tajaajilan.
JER 25:12 Woggaan torbaatam muummotteen duuba mootii Baabiloniitii fi kolbaa isaa, lafa worra Baabiloniille sababa yakkaa isaaniitiif adabee lafa isaanii haga bara baraa ona hin godha.
JER 25:13 Ani waan biyya san irratti fidiisaaf dubbadhe mara, waan kitaaba kana keessatti barreeffame, ka Ermiyaas gosa biyya adda addaa mara irratti raaga dubbate lafa san irratti hin fida.
JER 25:14 Isaan gosa biyya addaa heddu'uuf, mootota gugurdo'oofille garba hin te'an; ani akka hujii isaaniititti isaan hin adaba› jedha» jedhe.
JER 25:15 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii anaan, «Muduunuu daadhii woyni'ii ta aarii tiyyaan guutante harka kiyya irraa fuudhiitii, gosa biyya adda addaa ta ani si itti ergu kana obaas.
JER 25:16 Isaan yennaa muduunuu tana keessaa unane hin machowan; ani shallaagaa odduu isaaniititti waan erguuf, isaan hin maraatan» jedhe.
JER 25:17 Maarre ani muduunuu harka Mootii Waan Maraa irraa fuudhee, gosa biyya adda addaa ta inni na itti erge san mara obaase.
JER 25:18 Yerusaalemii fi qachooti Yihuda'aa, moototii fi qondaaltoti isi'ii akkuma isaan amma jiranu, akka isaan goomolee duwwaa te'anu, akka isaan waan hantuu nami dhaggee bararaqu te'anu, waan nami itti murguu fi waan abaarame akka te'anu,
JER 25:19 mootii Gibxi'ii Fara'oon, tajaajiltoota isaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa mara,
JER 25:20 kolbaa ormaa ta achi jirtu mara, mootota biyya Uzii mara, mootota biyya Filisxeemotaa mara mootii Ashiqalonii, mootii Gaaza'aa, mootii Eqrooniitii fi worra Ashidood keessatti hafe mara,
JER 25:21 worra Edoomii, worra Mo'aabii, worra Amoonii,
JER 25:22 mootota Xiiroosiitii fi Sidoonii mara, mootota lafa qarqara abbaaya'aan gamaa keessa jiranu mara,
JER 25:23 worra Dedaanii, worra Tema'aatii fi worra Buzii, worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu mara,
JER 25:24 mootota Arabaa mara, mootota kolbaa ormaa ta goomolee keessa leetu mara,
JER 25:25 mootota Ziimrii mara, mootota Elaamiitii fi mootota Medoonii mara,
JER 25:26 mootota biyya kaabaa ta fago'oo fi dhikoo jiranu mara, woluma gula, mootummoota biyya lafaa mara muduunuu tana keessaa obaase; isaan kana maraan duuba mootiin Sheshaakiillehin una.
JER 25:27 Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'el anaan, «Ati isaaniin, ‹Ani shallaagaa odduu teessanitti waan erguuf, una'a; machowa'aatii diddiga'a; haganaa achi akka hin kaane jiga'a› jedhi.
JER 25:28 Isaan muduunuu harka keeti irraa fuudhanee uniisa yoo didane ammoo, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muduunuu tana irraa una'a.
JER 25:29 Ani kunoo, qachaa maqaan kiyya itti waamamutti balaa fidiisa hin jalqaba; isin adabbii jalaa hin baatanii ree? Ani worra lafa irra le'u mara irratti shallaagaa waan fiduuf, isin adabbii jalaa hin baatanu› jedhiin» jedhe.
JER 25:30 Tanaaf Mootiin Waan Maraa ammalle, anaan, «Ee Ermiyaas, dubbii tana mara kolbaa tana irratti raagiitii, « ‹Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa hin iyya; addee woyyittii ifiitii dhangaa dhowa. Lafa ifii irratti guddisee dhangaa dhowa; akka worra woynii cunfuu qoonqoo guddoo hin dhageessisa; worra lafa irra le'u maratti hin iyya.
JER 25:31 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaatitti waan mormuuf, qoonqoon isaa guddoon haga qaccee lafaatitti hin dhage'anti. Inni kolbaa mara irratti hin muraa worra hamoolee shallaaga'aaf, dabarsee hin kenna› jedhi» jedhe.
JER 25:32 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo badiin biyya takka irraa gara biyya takkaatitti babadhatiisatti jirti; bubbeen bokkeyaa jadduun qaccee lafaa irraa ka'iisatti jirti» jedha.
JER 25:33 Guyyaa san reeffi worra Mootiin Waan Maraa ijjeesee, qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, addee maratti hin dhaggama. Reeffi isaanii lafa irratti akka cego'oo te'a malee, nami isaaniif bowu yookiin nami isaan wolitti qabee awwaalu hin jiru.
JER 25:34 Isin tissitooti wiiccifadha'aatii bowa'a; isin sooressitooti kolba'aa daadhaa keessa gangaladha'a. Guyyaan isin qalantanu waan dhufeef, akka okkotee faaraa dansitti'ii jiga'aatii bututa'a.
JER 25:35 Tissitooti addee itti baqatanu hin qabanu; sooressitooti addee itti miliqanu hin qabanu.
JER 25:36 Mootiin Waan Maraa addee tika isaanii waan balleessaaruuf, iyya tissitootaatii fi wiiccifata sooressitootaa dhage'a'a.
JER 25:37 Sababa aarii jadduu Mootii Waan Maraa addeen isaanii nageellittiin hin baddi.
JER 25:38 Inni akka neenqaa mandhee ifii keessaa hin baya; sababa cunqursa'aatii fi aarii jadduu Mootii Waan Maraatiif, latti hin onti.
JER 26:1 Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim Yihudaa irratti mootii te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa dhufee,
JER 26:2 anaan, «Badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessa dhaabbadhuutii, qachaa Yihuda'aa keessaa kolbaa Waaqonfatiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhuttu maratti waan ani si ajaju mara takkattiille adoo hin hamburin himi; jecha tokkolle keessaa hin hamburin.
JER 26:3 Isaan jecha kana caqasanee karaa ifii hamaa irraa adoo deebi'anee, ani sababa hammeenna hujii isaaniitiif badii isaanitti fidiisaaf yaade hin lakkisa.
JER 26:4 «Ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa: Yoo isin na caqasuu diddanee, seera ani isiniif kennelle eegatiisa yoo dhaddane,
JER 26:5 jecha tajaajiltoota tiyya raagotaa, ka ani akka caqattanuuf gara keessan itti deddeebi'ee erge yoo hin caqasin,
JER 26:6 akkuma Shiiloo godhe Galma kanalle hin godha; qachaa kanalle gosa biyya adda addaa oddu'utti ka abaarame hin godha jedha› jedhiin» jedhe.
JER 26:7 Ermiyaas jechoota kana Galma Waaqaa keessatti yennaa dubattu, hayyooti, raagotii fi kolbaan marti dhage'ane.
JER 26:8 Ermiyaas waan Mootiin Waan Maraa akka inni kolba'atti himuuf ajaje mara dubbatee yennaa fixe hayyooti, raagotii fi kolbaan marti isa qabanee, «Ati du'uu qadda!
JER 26:9 Ati, ‹Manni kun akka Shiilo'oo hin te'a; qachaan kunille onee, ka nami keessa hin jirre hin te'a› jettee maqaa Mootii Waan Maraatiin raaga maaf dubbatta?» jedhanee kolbaan marti Galma Waaqaa keessatti itti dacha'anee Ermiyaas marsane.
JER 26:10 Qondaaltoti Yihuda'aa waan kana yennaa dhageette, mana mootumma'aa keessaa gara Galma Waaqaa ol bayanee, seensuma balbala dalleya haareyaa, ka Galma Mootii Waan Maraa dura tee'ane.
JER 26:11 Achiin duuba hayyootii fi raagoti, qondaaltotaa fi kolbaa maraan, «Akkuma isin gurra keessaniin dhageettane nami kun qachaa kana irratti raaga waan dubbateef ijjeefamuu qaba» jedhane.
JER 26:12 Achiin duuba Ermiyaas qondaaltota maraa fi kolbaa maraan, «Waan isin dhageettane kana mara Galma Mootii Waan Maraatii fi qachaa kana irratti raaga akka dubbadhuuf ka na erge Mootii Waan Maraa ti.
JER 26:13 Tanaaf isin amma karaa keessanii fi hujii teessan sirreeffadha'aatii, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajama'a; innille badii isin irratti fidiisaaf yaade san hin lakkisa.
JER 26:14 Ani ammoo kunoo, harka keessan keessa jira; waanuma dansa'aa fi sirrii te'ee isinitti mudhate na irratti muummessa'a.
JER 26:15 Te'uu malee, akka ani jecha kana mara gurra keessanitti himuuf, dhugumaan Mootiin Waan Maraa waan na ergeef, isin yoo na ijjeettane dhiiga nama yakkaa hin qannee dhangalaasiisaan, isin ifii fi qachaa kana irratti, kolbaa qachaa kana keessa leetu mara irralle'etti yakkaa akka fiddanu beeka'a» jedhe.
JER 26:16 Achiin duuba qondaaltotii fi kolbaan marti, hayyootaa fi raagotaan, «Nami kun maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin waan nutti dubbateef ijjeefamuu hin qabu» jedhane.
JER 26:17 Jaarsolee lafa sanii keessaa gariin ol ka'anee kolbaa achitti wolitti qabante maraan,
JER 26:18 «Nami qachaa Mooresheetii Miikiyaas, bara Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'eerutti, raagee kolbaa Yihuda'aa maraan, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade: « ‹Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; kooba Galma Waaqaa daggalli itti hin lata jedha› jedhe.
JER 26:19 «Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaasii fi kolbaan yihuda'aa marti Miikiyaas akka ijjeefamu godhanee ree? Hisqiyaas Mootii Waan Maraa sodaatee araara isa hin kadhannee ree? Mootiin Waan Maraa badii isaan irratti fidiisaaf yaade san hin lakkinnee ree? Nuuti ammoo badii guddoo ifi irratti fidiisatti jirra» jedhane.
JER 26:20 Bara san keessa nami dhibiin ilmi Shemaa'iyaa Uriiyaan nami biyya Kiriiyat-Ya'ariimiille akkuma Ermiyaasii qacha'aa fi lafa tana irratti maqaa Mootii Waan Maraatiin raaga dubbateera.
JER 26:21 Mootichi Yehoyaaqiim loltootaa fi qondaaltota ifii mara woliin jecha kana yennaa dhage'e mooticha Uriiyaan ijjeesiisaaf yaade; Uriiyaan ammoo waan kana yennaa dhage'e sodaatee gara biyya Gibxi'ii baqate.
JER 26:22 Te'uu malee mootichi Yehoyaaqiim dhaqanee Uriiyaa akka fidanuuf ilma Akborii Elnaataanii fi namoota dhibii gara biyya Gibxi'ii erge.
JER 26:23 Isaanille Uriiyaa biyya Gibxi'iitii gara mooticha Yehoyaaqiimii fidanee dhufane; mootichille shallaaga'aan isa ijjeesee reeffa isaa addee awwaala kolba'aatitti gatane.
JER 26:24 Ilmi Shaafaanii Ahiiqaam Ermiyaas waan qarqaareef, Ermiyaas akka ijjeefamuuf harka kolba'aatitti dabarfamee hin kennanne.
JER 27:1 Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 27:2 «Waanjoo hujiitii hudhaa isaatiin morma keetitti hidhadhu.
JER 27:3 Karaa ergantoota worra gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa ergamanee Yerusaalem dhufaneetiin gara mootota Edoomii, Mo'aabii, Amoonotaa, Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaansa ergi.
JER 27:4 Dhaansa kana goottolee ifiititti akka himanu ajaji; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii
JER 27:5 goottolee teessaniin, ‹Ani hunna tiyya guddo'oo fi irree tiyya jaddu'uun lafa, kolba'aa fi bineensota lafa irra jiranu mara dadeera; ani nama isaaf kenniisa barbaadeef isii hin keenna.
JER 27:6 Ani amma biyya tana mara harka tajaajilaa kiyya Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; bineensotille akka isa tajaajilanuuf isaaf kenna.
JER 27:7 Haga guyyaan biyyi isaa qabatantu dhufutti, gosi biyya adda addaa marti isa, ilma isaatii fi ilma ilma isaa hin tajaajilan; achiin duuba gosi biyya adda addaatii fi moototi hunnaameyyiin garba ifii isa hin godhatan.
JER 27:8 « ‹Kolbaa yookiin mootummaa Nebukadnezaarii mootii Yihuda'aa hin tajaajille yookiin waanjoo isaa jalatti morma ifii gad qabattee, waanjoo mootii Baabilonii hin ba'anne ammoo ani haga kolbaa san harka mootii Baabiloniitiin ijjumaa balleessutti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin adaba jedha› jedha'aatii hima'a.
JER 27:9 Tanaaf, isin raagota keessanii fi mortoota teessan, worra oojjuu hiiku, worra ekeraa dubbisu, worra xanoo xanu ka ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhanu hin caqasina'a.
JER 27:10 Isaan akka lafa teessan keessaa baatanu, akka ani isin balleesseeruun baddanu, raaga dharaa isiniif raagan.
JER 27:11 Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa morma ifii gad qabattee waanjoo mootii Baabilonii ba'attee isa tajaajiltu ammoo lafa ifii keessa teettee akka qotattu hin lakkisa› jedha» jedhe.
JER 27:12 Anille erguma tana mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'atti himee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Morma keessan gad qabadha'aatii waanjoo mootii Baabilonii ba'adha'a. Isa fi kolbaa isaa tajaajila'a. Tana yoo gootane jiru'uun hin jiraattan› jedha.
JER 27:13 Atii fi kolbaan teeti shallaagaa, beelaa fi balaa Mootiin Waan Maraa kolbaa mootii Baabilonii hin tajaajilletti fidiisaaf dubbate saniin maaf dhumattan ree?
JER 27:14 Jecha raagoti, ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhaa raaga dharaa dubbattu hin caqasina'a.
JER 27:15 Mootiin Waan Maraa ‹Ani isaan hin ergine; isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan. Tanaaf, ani isinii fi raagota raaga dharaa isiniif raaganu hin balleessa; isin lamaanuu hin baddan› jedha» jedhe.
JER 27:16 Achiin duuba ani hayyootaa fi kolbaa tana maraan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Raagota: mey Galma Mootii Waan Maraa Baabilon keessaa ariiti'iin hin deebi'a jedhaa raaga dharaa raaganu hin caqasina'a› jedha.
JER 27:17 Isaan hin caqasina'a. Jiru'uun jiraattanu motii Baabilonii tajaajila'a. Qachaan kun maaf diigama ree?
JER 27:18 Isaan raagota yoo te'ane, jechi Mootii Waan Maraalle isaan keessa yoo jiraate, mey Galma Mootii Waan Maraa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafe, gara Baabilonii booji'amee akka hin fudhatanne Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kadhatanuu ti» jedhee hime.
JER 27:19 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo utuboota lama ka Galma Waaqaa duraa, marroo waabaa bisaanii, marroo waan meya irra keyanu ka korboo qabuutii fi marroo meya dhibii qachaa kana keessatti hafee,
JER 27:20 ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar yennaa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniyaa mootii Yihuda'aa, qondaaltota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii booji'ee gara Baabilonii geessee achitti hamburee,
JER 27:21 marroo meya Galma Waaqaa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafeetiif,
JER 27:22 «Mey kun gara Baabilonii hin fudhataman; haga guyyaa ani isaaniif yaadadhee achii isaan deebisee gara mana mootumma'aa kana isaan fidu dhufutti achuma hin turan» jedha.
JER 28:1 Jalqaba bara Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'e, woggaa arfeesso'oo wogguma san, ji'a shaneesso'ootitti, ilmi Azurii Hanaaniyaan raagichi nami qachaa Giibe'onii Galma Waaqaa keessatti hayyootaa fi kolbaa mara duratti Ermiyaasiin,
JER 28:2 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Waanjoo mootii Baabilonii hin cassa;
JER 28:3 Meya Galma Mootii Waan Maraa ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, addee tanaa gara Baabilonii geesse mara, woggaa lama keessatti deebisee gara addee tanaa hin fida.
JER 28:4 Ani Waanjoo mootii Baabilonii waan cassuuf, mootii Yihuda'aa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniya'aa fi worra isa woliin booji'amee gara Baabilonii dhaqe maralle gara addee tanaa deebisee hin fida› jedha» jedhe.
JER 28:5 Achiin duuba ani raagichi Ermiyaas hayyootaa fi kolbaa Galma Mootii Waan Maraa keessa dhaabbataneeranu mara duratti Hanaaniya'aan,
JER 28:6 «Ameen! Mootiin Waan Maraa akkuma ati jette godhuu ti; meya Galma Mootii Waan Maraatii fi worra booji'ame mara Baabilon keessaa gara addee tanaa deebisiisaan Mootiin Waan Maraa raaga ati dubbatte kana muummessuu ti!
JER 28:7 Te'uu malee, waan ani si'itti, kolbaa tanalle'etti dubbadhu caqasi.
JER 28:8 Raagoti durii worri anaa fi si'iin duraa biyya heddu'uu fi mootummoota gugurdoo irratti lolli, badi'ii fi balaan akka dhufu raaganeeran.
JER 28:9 Ammoo raagichi tokko marroo nageyaa raagee, raagi isaa sun yoo muummowe, Mootiin Waan Maraa dhugumaan akka isa erge hin beekkama» jedhe.
JER 28:10 Achiin duuba Hanaaniyaan raagichi waanjoo morma ana raagicha Ermiyaas irraa fuudhee cassee
JER 28:11 kolbaa mara duratti, «Mootiin Waan Maraa, ‹Woggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezaarii mootii Baabilonii morma gosa biyya adda addaa mara irraa akkuma kana hin cassa› jedha» jedhe; achiin duuba ani raagichi Ermiyaas karaa kiyya deeme.
JER 28:12 Hanaaniyaan raagichi waanjoo san morma Ermiyaasii irraa fuudhee eega casse yennaa diqqo'oon duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 28:13 «Dhaqii Hanaaniya'aan, Mootiin Waan Maraa, ‹Ati waanjoo mukaa cassiteerta; addee waanjoo saniititti waanjoo sibiilaa hujjee bakka hin buutta jedha› jedhiin» jedhe.
JER 28:14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Mootii Baabilonii Nebukadnezaar akka tajaajilanuuf morma gosa biyya adda addaa tana maraa irra waanjoo sibiilaa hin keya; isaanille isa hin tajaajilan; akka inni bineensotalle bulchu hin godha» jedha.
JER 28:15 Achiin duuba raagichi Ermiyaas, Hanaaniyaa raagichaan, «Hanaaniya'a, caqasi! Ati Mootiin Waan Maraa adoo si hin ergin kolbaan tun dharatti akka addattu gooteerta;
JER 28:16 tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani lafa irraa si hin balleessa; ati kolbaan tun ana Mootii Waan Maraa irratti akka kaatu waan gooteef, wogguma tana hin duuta› jedha» jedhe.
JER 28:17 Hanaaniyaan raagichille baruma san ji'a torbeesso'ootitti du'e.
JER 29:1 Ermiyaasiin raagichi Yerusaalem irraa gara jaarsolee lubbu'uun hafanee worra booji'ame odduu jiranuu, hayyootaaf, raagotaa fi kolbaa Nebukadnezaar Yerusaalem keessaa gara Baabilonii booji'ee geesse maraaf, xalayaan erge ka asii gad jiru;
JER 29:2 inni xalayaa kana mootichi Yekoniya'aa fi giittiin haati isaa, qondaaltoti mana mootummaa isaa, bulchitooti Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, worri hujii harkaa hujuu fi worri sibiila tumu Yerusaalem keessaa booji'amanee fudhatamaneen duuba barreesse.
JER 29:3 Xalayaa kanalle worra mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa biraa gara mootii Baabilonii Nebukadnezaarii ergamane, harka El'aasaa ilma Shaafaaniitii fi harka Gemaariyaa ilma Hilqiiya'aatitti erge; xalayaan sun,
JER 29:4 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, worra Yerusaalem keessaa gara Baabilonii akka booji'amanu godheen,
JER 29:5 ‹Mana ijaaradha'aatii keessa tee'a'a; ficha'atti woy dhaabadha'aatii midhaan irraa dhaggatane nyaadha'a;
JER 29:6 Niitii fuudha'aatii ilmaa fi intala uumadha'a; ilmaan teessan fuusifadha'aatii durra teessanille heerumsiifadha'a; isaan ijoollee horanuu ti; laakkossi isaanii bacatuutii malee hin diqqaatin.
JER 29:7 Qachaa ani akka isin booji'antanee itti geeffantanu godheefille, nageyaa fi qananummaa halcha'aaf; qachaa saniif gara Mootiin Waan Maraa daadimadha'a; sababille qachaan sun yoo nageya qabaate, isinille nageya hin qabaattan› jedhee dubbateera» ka jedhu.
JER 29:8 Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii, «Raagotii fi worri moru ka odduu teessan jiranu isin hin sobin; oojjuu isaan isiniif oojjatanulle hin caqasina'a.
JER 29:9 Isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan malee ani isaan hin ergine» jedha.
JER 29:10 Mootiin Waan Maraa, «Woggaan torbaatam isin Baabilon keessa turtanu yennaa hobbaate ani isin hin ilaala; gara addee tanaa isin deebisiisaaf, waadaa kiyya dansaa isiniif gale san hin muummessa.
JER 29:11 Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.
JER 29:12 Isinille gara kiyya dhuttanee maqaa kiyya waammattaa gara kiyya hin daadimattan; anille isiniif hin dhage'a.
JER 29:13 Isin na hin barbaaddan; gadhaa tokkochaan yoo na barbaaddane na hin dhaggitan.
JER 29:14 Anille akka isin na dhaggitanu hin godha; boojuu keessalle'ee isin hin deebisa; gosa biyya adda addaatii fi addee isin itti bittinneesse mara keessaa wolitti isin qabee gara lafa akka isin keessaa booji'antanu godhetti isin hin deebisa» jedha.
JER 29:15 Isinille, «Biyya Baabilonii keessatti Mootiin Waan Maraa raagota nu'uuf kaaseera» hin jettan.
JER 29:16 Mootiin Waan Maraa ammoo marroo mooticha barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'eeruutii fi marroo kolbaa isin woliin adoo hin booji'amin hafanee qachaa kana keessa jiranuu,
JER 29:17 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti ergee, akka midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee isaan hin godha.
JER 29:18 Ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin ari'a; mootummoota biyya lafaa mara duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; gosa biyya adda addaa oddu'utti addee isaan itti bittinneesselle'etti akka abaaramanuu fi jibbamanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaanitti cooranu hin godha.
JER 29:19 Isaan jecha ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin itti deddeebi'ee isaanitti ergee hin dhageenne; isin worri booji'antanelle jecha kiyya hin dhageenne.
JER 29:20 Tanaaf isin worri ani akka isin Yerusaalem keessaa booji'antanee gara Baabilonii ergantanu godhe marti, jecha ani Mootiin Waan Maraa dubbadhu dhage'a'a!» jedha.
JER 29:21 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo Ahaabii ilma Kolaaya'aatii fi Zedeqiiyaa ilma Ma'aseya'aa worra maqaa isaatiin raaga dharaa raaganuun, «Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee isaan hin kenna; innille iluma teessan duratti isaan hin ijjeesa.
JER 29:22 Worri Yihudaa keessaa booji'amee Baabilon keessa jiru marti, ‹Akkuma mootiin Baabilonii Zedeqiiya'aa fi Ahaab ibiddaan gube, Mootiin Waan Maraa si gubu› jedhaa wol abaaran.
JER 29:23 Isaan niitota namoota dhibi'ii gaarayyeeffatanee dubbii ani isaan hin ajajin maqaa kiyyaan dhara dubbatanee, Israa'el keessatti waan nama qaanessu hujaneeran; ani tana waan beekuuf, dhugaa hin baya» jedha.
JER 29:24 Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiititti ergaa akka himu Mootiin Waan Maraa Ermiyaas ajajee,
JER 29:25 Shemaa'iyaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, ‹Ati kolbaa Yerusaalem keessa jirtu maraaf, ilma Ma'aseya'aa hayyicha Sefaaniya'aaf, hayyoota dhibii maralle'eef, maqaa keetiin xalayaa ergitee, Sefaaniya'aan:
JER 29:26 Galma Waaqaa keessatti itti gaafatamaa akka teetuuf Mootiin Waan Maraa addee hayyicha Yoyaada'aa hayyicha si godheera; ati nama maraataa raaga dharaa raagu miila isaa jirma lama wodhakka'atti, morma isaa sibiila wodhakka'atti hidhuu qadda.
JER 29:27 Maarre ati amma Ermiyaasii nama biyya Anaatotii ka akka raagichaa dubbatu maaf hin xixin ree?
JER 29:28 Inni yennaa hedduu achi waan turtanuuf, mana ijaarannee keessa akka teennu; ficha'atti woy dhaabbannee midhaan irraa dhagganne akka nyaannu xalayaa kana gara biyya Baabilonii nutti ergeera› jetteerta» jedhe.
JER 29:29 Hayyichi Sefaaniyaan xalayaa san raagicha Ermiyaasiif dubbise.
JER 29:30 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 29:31 «Ergaa tana gara worra booji'ameeru maraa ergiitii, ‹Mootiin Waan Maraa marroo Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamii: Ani adoo isa hin ergin Shemaa'iyaan raaga isiniif raagee waan dharaa akka isin dhugeeffattanu waan godheef,
JER 29:32 ani dhugumaan Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiitii fi sanyii isaa hin adaba; inni namooti na irratti akka ka'anu waan godheef, odduu kolbaa tanaatitti nama isaaf hafu hin qabaatu; inni waan dansaa ani kolbaa tiyyaaf godhulle hin dhaggu jedha› jedhiin» jedhe.
JER 30:1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru;
JER 30:2 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Jecha ani si'itti dubbadhe mara kitaabatti barreessi.
JER 30:3 Kunoo barri ani kolbaa tiyya Israa'elii fi Yihudaa boojuu keessaa deebisu dhufiisatti jira; ani gara lafa abbootii isaaniitiif kennetti isaan hin deebisa; latti sunille ta isaanii hin teeti» jedhe.
JER 30:4 Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitii fi Yihuda'aa dubbatee,
JER 30:5 «Isin, ‹Nuuti iyya soda'aatii fi bararaqiisaa dhageenneerra; nageennille hin jiru› jettaneertan.
JER 30:6 Me, gaafadha'aatii ilaala'a! Dhiirti deyuu hin dandeettii? Maaf dhiirti marti akka dubartii ciniinsifattuu harka ifiitiin gadhaa ifii qabattee fuulli nama maraa shankaloweeruun dhagga ree?
JER 30:7 Aanne'e! Guyyaan sun guyyaa hama'a; guyyaan akka isaa hin jiraatu. Sanyii Yaaqoobiitiif guyyaa rakkinnaa ti; isaan ammoo kanuma keessaa hin hafan» jedhe.
JER 30:8 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani guyyaa san, waanjoo morma isaanii irraa fuudhee hin cassa; hidhaana isaanille hin kuta; haganaa achi ormi garba isaan hin godhatu;
JER 30:9 isaan ammoo ana Mootii Waan Maraa Waaqaa ifiitii fi sanyii Daawitii keessaa mooticha ani isaanii kaasu hin tajaajilan.
JER 30:10 Maarre, ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, hin sodaatin! Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a! Ani dhugumaan biyya fago'oo irraa isin hin deebisa; sanyii teessanille lafa isaan itti booji'amane keessaa hin deebisa. Yaaqoob deebi'ee bidhaa malee nageyaan hin le'a; ka isa sodaachisulle hin jiru.
JER 30:11 Ani isin woliin jira; isin hin gargaara; gosa biyya adda addaa ta odduu isaaniititti isin bittinneesse mara ijjumaa hin balleessa; isin ammoo guutumatti hin balleessu; te'uu malee adoo hin adabin isin hin lakkisu» jedhe.
JER 30:12 Mootiin Waan Maraa, «Madaan teessan ta hin fayyine; miidham keessanille ka hin fayyine.
JER 30:13 Nami isiniif falmatu hin jiru; madaa teessaniif qorsi hin jiru; isin hin fayyitanu.
JER 30:14 Jaaloti teessan marti isin dedhaneeran; isaan haajaa keessan hin qabanu. Yakkaan teessan guddoo cubbuun teessanille bacaa waan teeteef, ani akkuma diina dhowanu isin dhowee, marartii maleelle isin adabe.
JER 30:15 Isin madaa teessan ta hin fayyineef, dhukkubbii madaa teessaniitiif maaf boottan? Yakkaan teessan guddoo, cubbuun teessanille bacaa waan teeteef, ani waan kana mara isin irratti godheera.
JER 30:16 Amma ammoo Worri isin balleessu marti hin bada; diinoti keessan martinuu hin booji'aman; worri isin saamu hin saamama; worri isin dannabu marti hin dannabama.
JER 30:17 Diinoti keessan isiniin, ‹Xiyoon gatanteerti; ka haajaa isi'ii qabu hin jiru› jedhanulle ani ammoo fayya'atti isin hin deebisa; madaa teessanille hin fayyisa.
JER 30:18 «Kunoo, ani kolbaa tiyya worra sanyii Yaaqoobii keessaa booji'ame hin deebisa; addee isaan le'anutti isaaniif hin marara. Qachaan Yerusaalemii addee duriititti deebi'ee hin ijaarama; manni mootumma'aalle a ddee duriititti deebi'ee hin ijaarama.
JER 30:19 Achi keessaa faaruun galataatii fi qoonqoo firinxiixaa hin dhage'anti. Ani isaan hin baceessa malee, laakkossa isaanii hin diqqeessu; Ani ulfinna isaaniif hin kenna malee isaan hin salphatanu.
JER 30:20 Ijoolleen isaanii akkuma durii hin teeti; kolbaan isaanii fuula kiyya duratti jabaattee hin dhaabbatti; ani worra isaan cunqursu mara hin adaba.
JER 30:21 Namuma isaaniititti isaan sooressa; ka isaan bulchulle odduma isaaniitii hin dhalata. Ani gara kiyya isa hin dhikeessa; innille natti hin dhikaata; yoo akkas hin te'in eentu gara kiyya dhikaatiisaaf gama?
JER 30:22 Maarre isin kolbaa tiyya hin teetan; anille Waaqa keessan hin te'a» jedha.
JER 30:23 Kunoo mufiin Mootii Waan Maraa ta akka bubbee bokkeyaa hin kaati; hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti.
JER 30:24 Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessin mufiin isaa duubatti hin deebitu; bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan.
JER 31:1 Mootiin Waan Maraa «Bara san ani fira Israa'elii maraaf Waaqa hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an.
JER 31:2 Kolbaan shallaagaa jalaa hatte, goomolee keessatti fudhatama hin dhaggatti; ani foora Israa'elii kenniisaaf hin dhufa» jedha.
JER 31:3 Mootiin Waan Maraa fagoo irraa natti mudhatee, «Ani Jaalala bara baraatiin si jaaladheera; tanaaf gadhi laafummaa tiyya sitti mudhiseera.
JER 31:4 Ee kolbaa Israa'elii ani deebisee isin hin ijaara; isinille deebitanee hin ijaarantan; ammalle dibbee teessan qabattanee worra burraaqu woliin hin burraaxxan.
JER 31:5 Ammalle isin gaara Samaariya'aa irratti muka woyni'ii hin dhaabbatan; worri isii dhaabe midhaan isi'ii hin nyaata.
JER 31:6 Guyyaan Eeddoti kooba Efreemii irratti, ‹Kowa'a, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa Xiyoonitti ol baana› jedhanee iyyanu hin dhufa.
JER 31:7 «Marroo kolbaa Yaaqoobiitiif gammadaan faarsa'a! Sooressa guddaa gosa biyya adda addaa kolbaa Israa'eliitiif ilillisa'a. Leellisa keessan dhageessisaa, ‹Ee Mootiin Waan Maraa, kolbaa Israa'elii keessaa worra lubbu'uun hafe baasi!› jedha'a.
JER 31:8 Kunoo, ani lafa kaabaa irraa isaan hin fida; qaccee lafaa irralle'ee isaan wolitti hin qaba. Naafaa fi ballaan, dubartiin ulfaatii fi ta ciniinsifattu odduu isaanii jiran; isaan kolbaa hedduu te'anee hin deebi'an.
JER 31:9 Yennaa ani gara biyya isaanii isaan deebisu, gammadaan bowaa daadimataa hin deebi'an. Ani Israa'eliif abbaa, Efreemille ilma kiyya angafichaa waan te'eef, ani qarqara madda bisaanii, karaa gufuu hin qanne, ka isaan hin gufanne irra isaan hin sooressa.
JER 31:10 «Ee gosa biyya adda addaa, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Lafa qarqara abbaaya'aa ta fago'oo irraa, ‹Ka Israa'el bittinneesse wolitti isaan qabee, akka tisse'ee hoolee ifii hin eega› jedha'aatii lallaba'a.
JER 31:11 Ani sanyii Yaaqoobii hin woda; harka worra isaan caaluu keessalle'ee isaan hin baasa.
JER 31:12 Isaan dhufanee gaara Xiyoonii irratti gammadaan hin faarsan; arjooma kiyya, ka midhaaniitiin, ka daadhii woyni'ii o'itu'uu fi zayitii ejersaatiin, ka buruusoo hoole'eetii fi re'e'eetiin, ka raadaa fi jibichaatiin hin gammadan. Isaan akka oorruu bisaan keessa yaa'uu hin te'an; haganaa achi hin gaggabanu.
JER 31:13 Ijoolleen isaanii ta durraa gammadaan hin sirban; dargaggooti dhiiraatii fi jaarsoleen isaaniille hin firinxiixan. Ani bowa isaanii gara gammadaa hin jijjiira; gadda isaanii irraa isaan jajjabeessee gammada isaaniif hin kenna.
JER 31:14 Ani hayyoota tiyya coomaan hin quussa; kolbaan tiyyalle arjooma kiyyaan hin quutti» jedhe.
JER 31:15 Mootiin Waan Maraa, «Qoonqoon wiiccifataatii fi bowicha gudda'aa Raamaa keessatti dhage'ante. Raahel ijoollee ifiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan hin jirreef jajjabaatuu didde» jedha.
JER 31:16 Mootiin Waan Maraa Raaheliin, «Ati hujii teetiif gatii waan dhaggattuuf, qoonqoo teeti bowicha irraa, ila teeti imimmaan irraa eegadhu; ijoolleen teeti lafa diinaatii hin deebiti.
JER 31:17 Maarre ati gara duraatiif addii qadda; ijoolleen teeti gara biyya ifii hin deebiti» jedha.
JER 31:18 Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan aadiisa Efreemii dhage'eera; inni, ‹Ati akka jibicha hin leenjifaminii na adaddee anille adabame; ati Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya waan teeteef, na deebisi, anille hin deebi'a.
JER 31:19 Ani si irraa fagaadheen duuba, deebi'ee gaabbe; ani hubadheen duuba gaddee qoma tiyya dhowadhe. Sababa balleessaa bara dargagummaa tiyyaatiif fokkifadhee salphadhe› jedha.
JER 31:20 Efreem ilma ani jaaladhu, ka ani itti gammaduu motii? Yennaa maqaa isaa dhowu mara, ani jaalalaan isa qaabadha. Tanaaf gadhaan kiyya isa dharra'a; ani dhugumaan marartii guddoo isaaf qaba.
JER 31:21 Ee Israa'el, karaa keetiif beessisa dhaabbadhu; waan karaa mudhisu keyadhu; karaa guddaa irra deentu hubadhu; gara qachaa keetii deebi'i.
JER 31:22 Ee ati ta akka intala durraa ta hin addatannee, haga yoomii asii fi achi joonjita? Mootiin Waan Maraa waan haareya lafa irratti hin dada. Kunille, Israa'el waajibittiin Mootii Waan Maraa dhirsa ifii jabaa Mootii Waan Maraa hin hanqaffatti» jedha.
JER 31:23 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Ani lafa isaan itti booji'amane keessaa gara lafa isaanii yennaa isaan deebisu, isaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa achi keessaa keessatti, ‹Ee addee balchitti'i, ee gaara woyyicha, Mootiin Waan Maraa si eebbisu› hin jedhan.
JER 31:24 Yihuda'aa fi qachoota Yihuda'aa keessa qonnaan bula'aa fi horsiisee bulaan marti woliin hin le'an.
JER 31:25 Ani worra dadhabe, hunna isaanii hin haaressa; worra beelaan gaggabe hin quussa» jedha.
JER 31:26 Kana irratti ani hirriiba natti mi'oweeru irraa dammaqee asii fi achi ilaale.
JER 31:27 Mootiin Waan Maraa, «Barri ani mana Israa'eliitii fi Yihuda'aa namaa fi hori'iin guutu hin dhufa.
JER 31:28 Akka isaan buqqifamanu, akka isaan diigamanu, akka isaan badanu, balaa isaan irratti fidiisaafille akkuma xiyyeeffadhe, ani isaan ijaariisaa fi dhaabiisaafille hin xiyyeeffadha.
JER 31:29 Bara san nami isaaniin, ‹Abbootiin isaanii midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaatanee, ijoolleen isaanii ilkaan tutume› deebi'anee hin jedhanu.
JER 31:30 «Ammoo nami martinuu cubbuma ifiitiif hin du'a; ka midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaate marti, ilkaanuma ifii hin tutuma.
JER 31:31 «Barri ani kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa woliin gondooroo haareya godhadhu hin dhufa.
JER 31:32 Gondooroon tun ta akka gondooroo yennaa abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf, harka qabee isaan sooresseetii moti; ani abbaa manaa isaanii te'ulle isaan gondooroo tiyya waan diiganeef ani dudda isaanitti gale.
JER 31:33 Gondooroon ani bara san kolbaa Israa'elii woliin godhadhu ta asii gad jirtu tana: ani seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa. Ani Waaqa isaanii hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an.
JER 31:34 Ani yakkaa isaanii isaaniif hin araarama; cubbuu isaaniille deebi'ee isaanitti hin laakkowu; isaan marti diqqa'aa haga gudda'aatitti na waan beekanuuf, haganaa achi nami tokko ollaa ifii yookiin fira ifii, ‹Mootii Waan Maraa beeki› jedhee hin barsiisu» jedha.
JER 31:35 Aduun guyyaa akka issitu, ji'aa fi urjiin halkan akka issanu, abbaayaa raasee, danbaliin akka shookkittu ka godhe, maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
JER 31:36 Inni, «Seerri jabaatee dhaabbate kun fuula kiyya duraa yoo bade qofa, sanyiin Israa'elii kolbaa tiyya te'iisa lakkittee, fuula kiyya duraa ijjumaa baddi» jedha.
JER 31:37 Mootiin Waan Maraa, «Ol-gubbaan mikantee hundeen lafaalle qorqorantee yoo beekkante qofa, ani sanyii Israa'elii sababa waan isaan hujane maraatiif isaan hin gata» jedha.
JER 31:38 Mootiin Waan Maraa, «Barri qachaan Yerusaalemii Xelleephoo Hanaani'elii irraa ka'ee haga karra roga dalleyaatitti deebi'ee naaf ijaaramu hin dhufa.
JER 31:39 Meessaan achii ka'ee haga kooba Gaarebii dhaqee gara Go'aatitti marfata.
JER 31:40 Dhooqi reeffi itti awwaalamuu fi daadhaan itti gatamu, fichaan odduu san jiru marti, haga dhooqa Qedrooniititti, karaa aduun baatulle'een haga karra fardo'oo ta roga dalleya qacha'aatitti, Mootii Waan Maraatiif ka woyyoomane hin te'an. Qachaan Yerusaalemii haganaa achi deebi'ee hin diigamu, hin badulle'e» jedhe.
JER 32:1 Zedeqiiyaan mootii biyya Yihuda'aa te'ee woggaa kudhaneesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:
JER 32:2 Yennaa san loltooti mootii Baabilonii Yerusaalem marsaneeraniiyyu; raagichi Ermiyaasille kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa ka mootii Yihuda'aa duraa keessatti hidhameeraayyu.
JER 32:3 Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaan ka inni waan Mootiin Waan Maraa isatti mudhise raaga dubbateef isa hidhe sun, «Ati maaniif, ‹Mootiin Waan Maraa: Kunoo ani qachaa kana harka mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille hin qabata.
JER 32:4 Mootiin Yihuda'aa Zedeqiiyaalle dhugumaan harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama malee isa jalaa hin miliqu; inni mootii Baabilonii ilaan dhaggee, isa dura dhaabbatee, isa woliin hin dubbata.
JER 32:5 Inni Zedeqiiyaa gara Baabilonii hin geessa; haga ani murtee isaaf kennutti inni achuma tura; worra Baabilonotaa yoo loltanelle hin injifattanu jedha› jette» jedhe.
JER 32:6 Ermiyaas, «Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
JER 32:7 ‹Hanaami'el ilmi obboleessa abbaa keetii Shaalum, gara keeti dhufee: Ati fira aanti'ii waan teeteef, fichaa kiyya ka qachaa Anaatotii bira jiru, akka seeraatitti wodatiisaaf mirga qadda si'iin hin jedha› anaan jedhe.
JER 32:8 «Akkuma jechi Mootii Waan Maraa jedhe, ilmi obboleessa abbaa kiyyaa Hanaami'el badhinna mana hidha'aa ka addee eeddotaatitti gara kiyya dhufee, ‹Fichaa kiyya ka qachaa Anaatotii bira lafa Beniyaaminii keessa jiru akka seeraatitti wodatiisaaf nami mirga qabu si waan teeteef, wodadhuu ifiif hamburadhu› anaan jedhe; maarre anille tun akka jecha Mootii Waan Maraa teete beekee,
JER 32:9 lafa Hanaami'elii ilma obboleessa abbaa kiyyaa ta qachaa Anaatotii bira jiru san meetii gara giraama dhibba lamaa kennee irraa bitadhe.
JER 32:10 Wolii galtee bitta'aa san addee dhugaa baatoti jirtutti itti mallatteessee chaappaa itti dhowe; meetiille madaala irratti isaaf madaale.
JER 32:11 Achiin duuba garagalcha wolii galtee bitta'aa ta chaappaan itti dhowamee fi ta chaappaan itti hin dhowamin fuudhee,
JER 32:12 ilma obboleessa abbaa kiyyaa Hanaami'el, dhugaa baatota wolii galtee irratti mallatteessanee fi Yihudoota badhinna mana hidha'aa tee'aneeranu mara duratti, akaakoo Maaseya'aa, ilma Neriiya'aa Baarukitti kenne.
JER 32:13 Isaanuma duratti qajeelfama kana Baarukitti kennee:
JER 32:14 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Wolii galtee bitta'aa ta chaappaan itti dhowamee fi ta chaappaan itti hin dhowamin tana fuudhiitii, akka isiin yennaa hedduu turtuuf, okkotee keessatti massi.
JER 32:15 Lafa tana keessatti namooti mana, ficha'aa fi oorruu muka woynii itti dhaabbatanu yennaan bitatanu hin dhutti jedha› jedhiin» jedhe.
JER 32:16 Wolii galtee bitta'aa ilma Neriiya'aa Baarukitti kenneen duuba, ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee,
JER 32:17 «Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati jabeenna keeti gudda'aa fi irree teeti hunnaametti'iin lafaa fi ol-gubbaa daddeerta; wonni ati hin dandeenne takkaalle hin jirtu.
JER 32:18 Ati namoota kuma heddu'uuf jaalala keeti ka bara baraa hin mudhitta; te'uu malee, yakkaa abbooti'ii sanyii isaaniititti hin laakkotta. Ati Waaqa guddaa hunnaamesa; maqaan keeti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dade.
JER 32:19 Kaayoon teeti guddo'o; hujiin teetille hunnaametti'i. Ilti teeti waan ilmaan namaa hujju mara dhaggiti; tokko tokkoofuu akka ideensa isaatii fi akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kennita.
JER 32:20 Ati beessisa bilbaasaatii fi maadee biyya Gibxi'ii keessatti hujjeerta; haga adhalle Israa'elii fi ilmaan namaa mara oddu'utti akkasuma hujiisatti jirta; tanaaf maqaan keeti biyya mara keessatti haga adhaa beekkame.
JER 32:21 Ati beessisaa fi maade'een, jabeenna keeti gudda'aa fi irree teeti hunnaametti'iin, waan guddoo nama bararassuun kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baatteerta;
JER 32:22 lafa abbootii isaanii ta duriitiif kenniisaaf kakatte, lafa aananii fi dammaa tana isaaniif kennite.
JER 32:23 Isaanille lafa sanitti galanee qabatane; isaan ammoo si'iif hin ajajane yookiin seera keeti hin eegane; waan ati isaan ajajjelle hin muummessine; tanaaf ati badii tana mara isaanitti fidde.
JER 32:24 «Worri Baabilonii qachaa qabatiisaaf kaabii attam akka itti marsanee ijaaranee ilaali; sababa woraanaatiin, sababa beelaatii fi bala'aatiin worra qachaa kana loliisatti jiru harka worra Baabiloniititti qachaan kun dabarfamee hin kennama. Kunoo akkuma ati dhaggitu, wonni ati dubbatte teeteerti.
JER 32:25 Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Qachaan harka worra Baabiloniititti dabarfamee akka kennamu adoo beettuu ati, ‹Dhugaa baatota biratti meeti'iin lafa bitadhu› naan jettee?» jedhe.
JER 32:26 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 32:27 «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa nama maraa ti; wonni ani hin dandeenne jirtii ree?
JER 32:28 Tanaaf Ani qachaa kana harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille hin qabata.
JER 32:29 Worri Baabilonii ka qachaa kana loliisatti jiru, seenanee qachaa kana ibiddaan hin guban; mana isaan na aarsiisaaf heellichoo manaa irratti hixaana Ba'aaliif aarsanuu fi mana isaan waaqota dhibi'iif kennansa daadhii woyni'ii itti dhikeessanu san mara hin guban.
JER 32:30 Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa jalqabuma irraa jalqabanee fuula kiyya duratti waan hantuu qofa hujane; isaan waan harka ifiitiin hujaneen na aarsane malee wonni isaan hujane takkaalle hin jirtu.
JER 32:31 Isaan qachaa kana haga ijaarameen jalqabanee haga ammaatitti na aarsanee waan na mufachiisaneef ani qachaa kana fuula kiyya duraa hin balleessa.
JER 32:32 Kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa, moototi isaanii, qondaaltoti isaanii, hayyootii fi raagoti isaanii hujii hantuu hujanee waan na aarsaneef, ani qachaa kana hin balleessa.
JER 32:33 Adoo ani deddeebi'ee isaan gorsuu, isaan dudda natti galane malee fuula natti hin galle; isaan gorsa kiyyalle hin caqanne yookiin adabbii tiyyalle'een hin deebine.
JER 32:34 Isaan waaqota dharaa ka jibbisiisu Galma maqaan kiyya keessatti waamamu keessa keyanee batteessane.
JER 32:35 Ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta durraa waaqa dharaa ka, ‹Moleek› jedhamuuf ciincaa dhikeessiisaaf, dhooqa Ben-Hiinomii keessatti waaqa dharaa Ba'aaliif, addee waaqonfanna'aa ijaarane; isaan waan jibbisiisaa akkasiitiin, kolbaan Yihuda'aa cubbuu akka hujju godhane; ani waan akkasii kana akka isaan naaf godhanu, isaan hin ajajne yookiin qalbii tiyya keessatti hin yaadanne.
JER 32:36 «Isin kolbaan, ‹Qachaan kun sababa woraanaatiin, sababa beelaatii fi bala'aatiin harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama› jettan; ani Mootii Waan Maraa Waaqi Israa'elii ammoo,
JER 32:37 kolbaa aari'ii fi mufii tiyya jaddu'uun lafa itti bittinneesse mara keessaa dhugumaan wolitti hin qaba; gara addee tanaatitti deebisee isaan fidee akka isaan nageyaan le'anu hin godha.
JER 32:38 Isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaaniif hin te'a.
JER 32:39 Isaan yennaa mara akka na sodaatanu, isaaniif, sanyii isaaniitiifille wonni dansaan akka teetu, ani gadhaa tokkochaa fi yaada tokkocha isaaniif hin kenna.
JER 32:40 Ani gondooroo bara baraa isaan woliin hin godhadha; waan dansaa isaaniif godhiisa hin lakkisu; akka isaan na irraa hin fagaanneef, ulfinna akka isaan naaf kennanu hin godha.
JER 32:41 Ani waan dansaa isaaniif godhiisatti hin gammada; ani dhugumaan gadhaa kiyyaa fi yaada kiyya tokkochaan akka isaan lafa tana keessa le'anu hin godha.
JER 32:42 «Kolbaa tana irratti badii guddoo tana mara akkuma fide, waan dansaa isaaniif waadaa gale mara isaaniif hin kenna.
JER 32:43 Lafa isin, ‹Latti tun harka worra Baabiloniititti dabarfantee waan kennanteef, ontee ta nami yookiin horiin keessa hin jirre teeteerti› jettanu tana keessatti nami deebi'ee fichaa hin bitata.
JER 32:44 Ani biyya isaan itti booji'amane keessaa waan isaan deebisuuf, biyya Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessatti, qachoota Yihuda'aa keessatti, qachoota biyya koobitti'ii keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba Yihuda'aa keessatti namooti fichaa meeti'iin hin bitatan; dhugaa baatota duratti wolii galtee irratti mallatteessanee chaappaa itti hin dhowan» jedhe.
JER 33:1 Ermiyaas badhinna eeddotaa ta badhinna Galma Waaqaa duraa keessatti mana hidha'aa keessa adoo jiruu, jechi Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara isaa dhufee,
JER 33:2 «Mootii Waan Maraa ka lafa dade, ka akka itti godhee addee isi'iititti dhaabe, ka maqaan isaa ‹Mootii Waan Maraa› jedhame,
JER 33:3 inni, ‹Na waammadhu! Anille si'iif hin deebisa; waan guddoo ati hin beenne ta ati qorqortee bira hin geenne sitti hin hima› jedha.
JER 33:4 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, marroo mana qachaa Yerusaalemiitii fi marroo mana mootummaa Yihuda'aa, ka dhakaa mana saniitiin dalleya dhaka'aa ka qacha'aa jabeeffatanee, kaabii loltooti Baabilonii itti marsanee fi lola worra Baabilonii ifi irraa dhooggatiisaaf, akka itti fayyadamanuuf diigamuutiif,
JER 33:5 ‹Namooti qachaa sanii worra Baabilonii loliisaaf hin bayan; ammoo marroo hammeenna isaaniitiif ani fuula kiyya isaan irraa waan deebifadhuuf, reeffi namoota ani aari'ii fi mufii tiyya jaddu'uun ijjeesuu achi keessa hin guuta.
JER 33:6 Te'uu malee ani qachaa kana ade'etti deebisee, kolbaa isa keessaalle fayyisee, bidhaa malee nageyaan akka le'anu hin godha.
JER 33:7 Ani worra Yihuda'aa fi Yerusaalem keessaa booji'ame, deebisee fidee akka duriititti isaan hin deebisa.
JER 33:8 Ani yakkaa isaan na yakkane mara isaan irraa hin qulqulleessa; cubbuu isaan na finqilane mara isaaniif hin araarama.
JER 33:9 Achiin duuba qachaan kun qachaa maqaan kiyya ittiin beekkamu, ka ani ittiin gammadu, gosa biyya adda addaa worra waan dansaa ani qachaa kanaaf godhe kana mara dhage'e duratti, waan ani ittiin leellifamuu fi ittiin ulfaadhu hin te'a; kolbaan tun waan dansa'aa fi qananummaa ani qachaa kanaaf kennu mara dhaggitee sodaattee hin hollatti› jedha.
JER 33:10 «Isin marroo addee tanaa, ‹Latti tun goomolee duwwaa, ta namii fi horiin keessa hin jirre› jettan; te'uu malee qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii ka namii fi horiin keessaa dhabamanee goomolee duwwaa hafe kana keessatti deebi'ee,
JER 33:11 Worra lafa tana keessaa booji'amane akka duriititti waan isaan deebisuuf, qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoon worra faaru'uun galateeffataa, gara Galma Waaqaa dhufuu ta, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade dansaa waan te'eef, jaalalli isaalle ka bara baraa waan te'eef, isa galateeffadha'a› jedhuu hin dhage'anti» jedhe.
JER 33:12 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Addee goomolee duwwaa ta namii fi horiin keessa hin jirre tana keessatti, qachoota isi'ii mara keessalle'etti, tissitooti addee horiin tikatuu fi addee horiin ciisu deebi'anee hin dhaggatan.
JER 33:13 Qachoota kooba irraa keessatti, qachoota kooba gara aduun seentuu jalaatii fi qachoota kibba kana'aanii lafa Beniyaaminii keessatti, ollaa adaala Yerusaalemii keessaatii fi qachoota Yihuda'aa keessatti, tissitooti horii ifii hin toowatan» jedha.
JER 33:14 Mootiin Waan Maraa, «Barri ani waadaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Israa'eliitiifille gale muummessu hin dhufa.
JER 33:15 Bara sanii fi yennaa san ani sanyii Daawitii keessaa mootii balchaa hin kaasa; inni lafa irratti haqaa fi waan sirrii te'e hin huja.
JER 33:16 Bara san kolbaan Yihuda'aa hin fayyiti; kolbaan Yerusaalemiille nageyaan hin leeti. Bara san qachaa Yerusaalemii, ‹Waaqi balchummaa teenna› jedhanee hin waaman.
JER 33:17 Sanyii Daawitii keessaa barcumaa mootummaa Daawitii irra ka tee'ee, Israa'elii ka bulchu ijjumaa hin dhabamu.
JER 33:18 Hayyoota sanyii Lewwi'ii keessaa worra yennaa mara kennansa gubamu dhikeessiisaaf, kennansa midhaanii gubiisaaf, ciincaa dhikeessiisaafille, nami fuula kiyya dura dhaabbatu hin dhabamu» jedha.
JER 33:19 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 33:20 «Mootiin Waan Maraa, ‹Guyya'aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te'anuuf, seerata ani murteesse, isin keessaa eennulle yoo diiguu dande'e qofa,
JER 33:21 tajaajilaa kiyya Daawitii fi Lewwoota hayyumma'aan na tajaajilanu woliin gondooroon ani gondooradhe diigamuu dandeetti; Daawitille sanyii barcumaa mootummaa isaa dhaaltu hin dhaggatu.
JER 33:22 Sanyii tajaajilaa kiyya Daawitiitii fi hayyoota sanyii Lewwootaa worra ana tajaajilanuu akka urjoota ol-gubba'aa ta laakkowamuu hin dandeenneetii fi akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaramuu hin dandeennee hin baceessa› jedha» jedhe.
JER 33:23 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 33:24 «Kolbaan tun, ‹Mootiin Waan Maraa mootummoota filate, lamaanuu amma lakkiseera› jedhannee akka dubbatanu ati hin hubannee? Maarre isaan kolbaa tiyya tuffataneeran; akka kolba'aatitti isaan hin laakkonne.
JER 33:25 Mootiin Waan Maraa, ‹Guyya'aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te'anuuf, ka seerata murteesse, ol-gubba'aa fi lafaaf seera hin jijjiiranne ka dhaabe na yoo hin te'in qofa,
JER 33:26 ani sanyii Yaaqoobiitii fi sanyii Daawitii tajaajilaa kiyyaa lakkisee, sanyii Daawitii keessalle'ee, sanyii Abrahaamii, sanyii Yisihaqiitii fi sanyii Yaaqoobii irratti mootii ka te'u hin filu jechu'u; ammoo worra booji'ame deebisee fidee, isaaniif hin marara› jedha» jedhe.
JER 34:1 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarii fi loltooti isaa marti, mootummootii fi gosi biyya adda addaa worri bulchiinsa isaa jala jiranu marti, Yerusaalemii fi qachoota adaala isi'ii yennaa loliisatti jiranu, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 34:2 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa dhaqiitii: Ani qachaa kana harka mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; innille ibiddaan hin guba.
JER 34:3 Atille dhugumaan qabantee harka isaatitti dabarfantee kennanta malee, isa jalaa hin milixxu; iluma teetiin mootii Baabilonii hin dhaggita; inni si dura dhaabbatee si woliin hin dubbata; gara Baabiloniille hin deenta.
JER 34:4 Ee Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa! Ati shallaaga'aan hin duutu;
JER 34:5 ati nageyaan hin duuta; abbootii teeti ta durii, worri si'iin dura mootota te'ane yennaa du'ane, kolbaan ulfinna awwaala isaaniitiif ibidda akkuma gabbisane, ulfinna awwaala keetiitiifille ibidda gabbisanee: Aanne'e, ee goottaa keenna jedhaa si'iif hin bowan; ani waadaa kana si'iif hin muummessa jedheera› jedhi» jedhe.
JER 34:6 Achiin duuba raagichi Ermiyaas waan kana mara Yerusaalem keessatti, Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aatitti hime;
JER 34:7 yennaa san loltooti mootii Baabilonii qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu keessaa adoo hin qabamin ka hafaneeranu Laakiishii fi Aazeqaa qofa waan te'aneef loliisatti jiran.
JER 34:8 Mootichi Zedeqiiyaan garbooleen bilisa akka bayanu, kolbaa Yerusaalem keessaa mara woliin gondooroo gondoorateen duuba, jechi Mootiin Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe.
JER 34:9 Akka wolii galtee tanaatitti nami garbicha yookiin garbittii sanyii worra Ibrootaa qabu marti bilisa isaan baasuu qaba; nami tokkolle Yihudoota obboleeyyan ifii garba godhatuu hin malle.
JER 34:10 Maarre qondaaltotii fi kolbaan marti worri gondooroo tana keessa jiranu, garboolee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa bilisa baasiisaaf, haganaa achi garba akka isaan hin godhanne wolii galane.
JER 34:11 Yennaa diqqo'oon duuba ammoo yaada ifii jijjiiratanee, garboolee bilisa baasane san deebifatanee garba godhatane.
JER 34:12 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 34:13 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii keessaa garbummaa jalaa yennaa baase, gondooroo isaan woliin gondooradhee,
JER 34:14 isaaniin: Tokko tokkoon keessan nama Ibrootaa ka isinitti ifi gurgure woggaa jaa isin tajaajileen duuba, woggaa torbeesso'ootitti bilisa isa baasa'a! Jedheeraayyu; abbootiin teessan ta durii ammoo waan ani dubbadhe hin dhageenne yookiin naafille hin ajajanne.
JER 34:15 Isin amma cubbuu irraa deebitanee fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujjaneertan; tokko tokkoon keessan Yihudoota obboleeyyan teessan ta garba godhattane bilisa baattaneertan; Galma maqaa kiyyaan waamamu keessatti na duratti gondooroo gondoorattaneertaniiyyu.
JER 34:16 Amma ammoo yaada keessan jijjiirattanee maqaa kiyya batteessitane; tokko tokkoon keessan garboolee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta qara addee fedhane akka deemanu bilisa baattane deebittanee hunnaan garba godhattane.
JER 34:17 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa: Isin naaf ajajantanee, Yihudoota obboleeyyan teessaniif bilisummaa hin kennine. Maarre ani bilisummaa isin shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan dhumattanu isiniif hin kenna; mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isin hin godha.
JER 34:18 Namoota gondooroo tiyya diiganuu fi jecha gondooroo sanii hin muummessine, ani akkuma jibicha isaan qalanee addee lamatti gargar baasanee wodhakkaa dabaranuu san isaan hin godha.
JER 34:19 Sooreyyiin Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, qondaaltota mana mootummaa isaa, hayyootaa fi kolbaa lafa sanii ta jibicha qalanee addee lamatti gargar baasane san wodhakkaa dabarane mara,
JER 34:20 ani harka diinota isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; reeffi isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'a.
JER 34:21 Mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi qondaaltota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadu, harka loltoota mootii Baabilonii ta amma isaan loliisa lakkisaneetitti dabarsee isaan hin kenna.
JER 34:22 Kunoo, loltooti mootii Baabilonii gara qachaa kanaa akka deebi'anu hin ajaja; isaan qachaa kana lolanee hin qabatan; ibiddalle'een hin guban; ani qachoota Yihuda'aa mara ona hin godha; nami tokkolle achi keessa hin le'u› jedheeraayyu» jedhe.
JER 35:1 Bara ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim Yihudaa irratti mootii te'eeru, Jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 35:2 «Gara maatii worra Rekaabotaa dhaqiitii, gara Galma Waaqaa isaan fidi; kolloo cinaa Galma Waaqaa jirtu keessaa takkatti'itti galchiitii daadhii woyni'ii isaan obaas!» jedhe.
JER 35:3 Maarre ani gara akaakoo Habazneya'aa, ilma Ermiyaasii Yaazaaniyaa bira dhaqee obboleeyyan isaatii fi ilmaan isaa mara, maatii worra Rekaabotaa mara fide.
JER 35:4 Gara Galma Waaqaa isaan fidee, kolloo ilmaan Haannaanii, ilma Gidaaliyaa raagichaa keessa isaan teessise; kolloon sun kolloo bulchitootaatitti aantee, kolloo Ma'aseyaa ilma Shaalumii ka balbala eeguutiin gubbaa jirti.
JER 35:5 Achiin duuba ani daadhii woyni'ii qori'ii fi muduunu'utti guutee worra maatii Rekaabotaa dura keyee isaaniin, «Daadhii woyni'ii tana una'a» jedhe.
JER 35:6 Isaan ammoo deebisanee, «Abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab ilmi Rekaabii, ‹Isinii fi sanyiin teessan daadhii woyni'ii ijjumaa hin unina'a› jedhee waan ajajeeruuf, nuuti daadhii woyni'ii hin unnu!
JER 35:7 Akkasuma, ‹Lafa hori'iin keessa godaantanu tana keessa bara dheeraa akka leetanu, bara le'ii teessanii mara dunkaanii keessa le'aa malee mana hin ijaaratina'a; midhaan hin facaafatina'a; muka woyniille hin dhaabbatina'a; waan kana tokkolle hin qabaatina'a› jedheera.
JER 35:8 Nuutille ajaja abbaa abbootii teenna ta durii, Yonaadaabiin ilmi Rekaabii nu ajaje eeganneerra; nuuti, niitoti teennaa fi ilmaan teenna ta dhiiraatii fi ta durraa daadhii woyni'ii hin unne
JER 35:9 yookiin keessa le'iisaaf mana hin ijaaranne yookiin muka woyni'ii yookiin fichaa yookiin midhaan hin qannu.
JER 35:10 Dunkaanii keessa leene; waan abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab nu ajaje mara eeganneerra.
JER 35:11 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar dhufee lafa tana yennaa qabate ammoo, nuuti, ‹Loltoota Baabiloniitii fi Sooriya'aa jalaa baqatiisaaf, kowa'a, gara Yerusaalemii deenna› jennee murteeffanneera; tanaaf as Yerusaalem keessa turre» jedhane.
JER 35:12 Achiin duuba Jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 35:13 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Dhaqiitii, namoota Yiuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin, ‹Isin jecha kiyyaaf ajajamiisaaf, tana irraa hin barattanuu ree?› jedhi.
JER 35:14 Ilmi Rekaabii Yanaadaab sanyiin isaa daadhii woyni'ii akka hin unne ajajee, isaan ajaja isaa waan eegataneef haga adhaa daadhii woyni'ii hin unanu; ani ammoo itti deddeebi'ee isinitti dubbadheeraayyu; te'uu malee isin naaf hin ajajanne.
JER 35:15 Ani tajaajiltoota tiyya raagota itti deddeebi'ee gara keessan ergee, ‹Tokko tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebitanee hujii teessan sirreeffatiisa qaddan; isaan tajaajiliisaaf, waaqota dhibii hin hordofina'a! Yoo san lafa ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan› isiniin jedheeraayyu; isin ammoo waan ani isinitti hime hin dhageenne; anaafille hin ajajanne.
JER 35:16 Sanyiin Yonaadaabii ilma Rekaabii ajaja abbaan abbootii isaanii ta durii isaaniif kenne eegataneeran; kolbaan tun ammoo naaf hin ajajanne.
JER 35:17 Tanaaf kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii yennaa ani isaanitti dubbadhe waan hin caqasiniif, yennaa ani isaan waame waan hin owwaatiniif, kunoo, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u Waaqi Israa'elii, ‹Badii isaan irratti fidiisaaf dubbadhe san mara isaanitti hin fida› jedha» jedhe.
JER 35:18 Achiin duuba Ermiyaas worra maatii Rekaabotaatiin, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin ajaja abbaan abbootii teessanii Yonaadaab isin ajaje eegattaneertan; qajeelfama isaalle hordottanee, waan inni isin ajaje mara gootaneertan.
JER 35:19 Tanaaf, sanyii Yonaadaabii ilma Rekaabii keessaa nami yennaa mara na dura dhaabbatee na tajaajilu hin dhabamu› jedha» jedheen.
JER 36:1 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 36:2 «Kitaaba maramaa fuudhiitii dubbii ani marroo Israa'elii, marroo Yihuda'aatii fi marroo gosa biyya adda addaa mara, bara mootummaa Yosiyaasiitii jalqabee haga ammaa si'itti dubbadhe mara irratti barreessi.
JER 36:3 Kolbaan Yihuda'aa balaa ani isaan irratti fidiisaaf hede yennaa dhage'ane, karaa ifii hamaa san irraa hin deebi'an fa te'a; achiin duuba anille yakkaa isaaniitii fi cubbuu isaanii isaaniif hin araarama» jedhe.
JER 36:4 Maarre Ermiyaas ilma Neriiya'aa Baaruk waamee jecha Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara afaaniin Baarukitti himuun, inni kitaaba maramaa irratti barreesse.
JER 36:5 Achiin duuba Ermiyaas Baaruk ajajee, «Ani Galma Waaqaa keessa akka hin seenneef dhooggameera.
JER 36:6 Maarre ati dhaqiitii jecha Mootii Waan Maraa ka ani afaaniin sitti himuun kitaaba maramaa irratti barreessite san, guyyaa laamaa, Galma Waaqaa keessatti kolbaa Yihuda'aa ta qachaa ifii keessaa dhutte maraaf dubbisi.
JER 36:7 Aari'ii fi mufiin jadduun Mootiin Waan Maraa kolbaa tana adabiisaaf dubbate, guddoo waan teeteef, tokko tokkoon isaanii karaa hamaa ifii irraa deebi'anee, Mootii Waan Maraa hin kadhatan fa te'a» jedhe.
JER 36:8 Maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk akkuma Ermiyaas isatti hime, jecha Mootii Waan Maraa ka kitaaba maramaa irratti barreeffame san Galma Mootii Waan Maraa keessatti dubbise.
JER 36:9 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shaneesso'oo, ji'a sagaleesso'ootitti, kolbaan Yerusaalemiitii fi kolbaan qachaa Yihuda'aa keessaa gara Yerusaalemii dhufane marti Mootii Waan Maraa duratti laamiisaaf lassii lassane.
JER 36:10 Achiin duuba, badhinna Galma Waaqaa ka gubba'aa keessatti, seensuma karra haareya Galma Waaqaa biratti, kolloo Gemaariyaa barreessicha ilma Shaafaanii keessaa, Baaruk jecha Ermiyaas dubbate, kolbaa maraaf kitaaba maramaa keessaa dubbise.
JER 36:11 Akaakoon Shaafaanii ilmii Gemaariya'aa Miikaayaan jecha Mootii Waan Maraa mara kitaaba maramaa keessaa yennaa dhage'e,
JER 36:12 inni addee qondaaltoti marti: Eliishaamaan barreessichi, ilmi Shemaariya'aa Delaayaan, ilmi Akborii Elnaataan, ilmi Shaafaanii Gemaariyaan, ilmi Hanaaniya'aa Zedeqiiyaan ta qondaaltoti dhibiin martille tee'aneeranu, gara kolloo barreessicha mana mootumma'aa gad bu'ee,
JER 36:13 Miikaayaan waan Baaruk kitaaba maramaa keessaa kolba'aaf dubbiseen dhage'e mara isaanitti hime.
JER 36:14 Achiin duuba qondaaltoti sun marti, abuuboo kuushii, akaakoo Shelemiiya'aa, ilma Netaaniya'aa Yehud erganee, «Dhaqiitii Baarukiin, ‹Kitaaba maramaa kolba'aaf dubbitte san fidii koy!› jedhiin» jedhane; maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk kitaaba maramaa san harkatti qabatee dhufe.
JER 36:15 Isaanille Baarukiin, «Tee'iitii, maganne'e, nu'uuf dubbisi!» jedhane; innille isaaniif dubbise.
JER 36:16 Jechoota kana mara dhage'aneen duuba sodaatanee, wol ilaalanee, Baarukiin, «Nuuti waan kana mara mootichatti hin hinna» jedhane.
JER 36:17 Achiin duuba, «Me, waan kana attam akka barreessite, nutti himi? Ermiyaasitti afaaniin sitti himee?» jedhanee Baaruk gaafatane.
JER 36:18 Baarukille deebisee, «Ee, isattuu jecha kana mara afaaniin natti himee, ani kitaaba maramaa irratti hallu'uun barreesse» jedhe.
JER 36:19 Achiin duuba qondaaltoti Baarukiin, «Atii fi Ermiyaas deema'aa dhokadha'a; addee isin jirtanu eennulle hin beekin» jedhane.
JER 36:20 Qondaaltoti kitaaba maramaa san kolloo Eliishaamaa barreessichaa keessa keyanee, gara badhinna mana mootumma'aa dhaqanee, waan mara mootichatti himane.
JER 36:21 Achiin duuba mootichi kitaaba maramaa san akka fiduuf, Yehud erge; innille kitaaba maramaa san kolloo Eliishaamaa barreessichaa keessaa fidee, mootichaa fi qondaaltota cinaa isaa dhaabbataneeranu maraaf dubbise.
JER 36:22 Yennaan sun ji'a sagaleesso'oo, ganna waan te'eef, mootichi mana ji'a gannaa itti dabarsu keessatti, suunsuma ibiddi irratti gabbatiisatti jiru bira tee'ee o'ifataayyu.
JER 36:23 Akkuma Yehud kitaaba maramaa san keessaa fuula afur yookiin fuula sad dubbiseen mootichi kitaaba maramaa isaaf dubbifame san seenxi'iin kukkutee haga gubatee dhumatutti, suunsuma ibiddi irratti gabbifame san keessa buuse.
JER 36:24 Mootichii fi tajaajiltooti isaa worri dubbii tana dhage'ane marti hin sodaanne; gaddanee woyaa ifii hin tarsaanne.
JER 36:25 Isaan keessaa Elnaataan, Delaaya'aa fi Gemaariyaan kitaab maramaan sun akka hin gubane mooticha kadhatanulle, inni isaan hin caqanne.
JER 36:26 Achiin duuba inni ilma mootichaa tokko Yeraami'el, ilma Azrii'elii Seraaya'aa fi ilma Abdi'elii Shelemiiyaa ergee, Baarukii barreessicha kiyyaa fi Ermiyaasii raagicha qabanee akka fidanuuf ajaje; Mootiin Waan Maraa ammoo isaan dhosse.
JER 36:27 Mootichi kitaaba maramaa ka Ermiyaas afaaniin himuun Baaruk barreesse san gubeen duuba, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 36:28 «Kitaaba maramaa dhibii fuudhiitii, jechoota qaraa ka kitaaba maramaa mootichi Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san irra jiru, deebisii itti barreessi.
JER 36:29 Mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Mootiin Baabilonii dhufee lafa tana akka balleessu, namaa fi bineensa lafa irraalle akka fixu maaf barreessite? Jettee kitaaba maramaa san guddeerta.
JER 36:30 Tanaaf, ee mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiim, Sanyii teeti keessaa nami barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'u hin dhaggamu; reeffi keeti o'a adu'uutii fi qorra halkaniititti gad hin gatama.
JER 36:31 Sababa hammeenna keessaniitiif, ani si'iif fi sanyii teeti, tajaajiltoota teetille hin adaba; waan na caqasuu diddaneef, balaa fidiisaaf yaade san mara isinitti, worra Yerusaalem keessa le'anu mara irratti, kolbaa Yihuda'aa mara irralle'etti hin fida jedha› jedhiin» jedhe.
JER 36:32 Achiin duuba Ermiyaas kitaaba maramaa dhibii fuudhee ilma Neriiya'aa Baarukii baarreessichatti kenne; akkuma Ermiyaas kitaaba maramaa mootiin Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san afaaniin itti himuun barreesse san, ammalle Baaruk barreessisiise; jechooti dhibiille ka kitaaba maramaa qaraa keessatti barreeffameen wol fakkaatu baca'atti itti dabalame.
JER 37:1 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar addee Koniyaa ilma Yehoyaaqiimiititti, ilma Yosiyaasii Zedeqiiyaa biyya Yihudaa irratti mootii godhe.
JER 37:2 Te'uu malee zedeqiiya'aa fi tajaajiltooti isaa, kolbaa lafa saniille jecha Mootii Waan Maraa ka Ermiyaasiin raagichi dubbate hin dhageenne.
JER 37:3 Mootichi Zedeqiiyaan ilma Shelemiiya'aa, Yukaalii fi ilma Ma'aseya'aa Safaaniyaa hayyicha gara Ermiyaasii ergee, «Maganne'e, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa nu'uuf daadimadhu» jedhe.
JER 37:4 Yennaa san Ermiyaas mana hidha'aatitti waan hin galiniif, kolbaa odduu akka fedhe deddeemaayyu.
JER 37:5 Worri Baabilonii ka Yerusaalem marsaneeranu, loltooti mootii Gibxi'ii lolaaf biyya Gibxi'ii keessaa akka bayane oduu yennaa dhage'ane, Yerusaalem lakkisanee baqatane.
JER 37:6 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee,
JER 37:7 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Mootii Yihuda'aa ka akka isin gorsa Ermiyaas gaafatanuuf gara kiyya isin ergeen: Kunoo, loltooti mootii biyya Gibxi'ii ka isin qarqaariisaaf dhufane, gara biyya ifii Gibxi'itti hin deebi'an.
JER 37:8 Achiin duuba worri Baabilonii deebi'anee dhufanee, qachaa kana hin lolan; isaan qachaa kana qabatanee hin guban.
JER 37:9 Worri Baabilonii isin irraa waan hin deeminiif, deemaneeran seetanee ifi hin sobina'a.
JER 37:10 Isin loltoota Baabilonii worra isin loliisatti jiru adoo injifattanelle'ee, isaan keessaa worri madowee dunkaanii ifii keessatti hafe callaan, bayanee dhufanee qachaa kana hin guban jedha› jedhiin» jedhe.
JER 37:11 Loltooti worra Baabilonii, loltooti mootii biyya Gibxi'ii akka dhikaatane beekanee, Yerusaalem lakkisanee duuba,
JER 37:12 Ermiyaas qooda lafa ifii fudhatiisaaf, Yerusaalemii ka'ee, gara lafa Beniyaamin dhaqe.
JER 37:13 Inni dhufee karra Yerusaalemii ta, «Karra Beniyaamin» jedhantu yennaa geye, ajajaan eeddotaa ka maqaan isaa, «Yiriyaa» jedhamu, ilmi Shelemiiya'aa akaakoon Hanaaniya'aa, «Ati finqiltee gara worra Baabilonii deemaarta!» jedhee isa qabe.
JER 37:14 Ermiyaas deebisee, «Lakkii, akkasii moti! Ani finqilee gara worra Baabilonii deemiisatti hin jiru» jedhe. Yiriyaan ammoo dubbii isaa dhugeeffatuu didee, isa qabee gara qondaaltotaa geesse.
JER 37:15 Isaan guddoo Ermiyaasitti aaranee isa dhaananee, mana Yonaataanii barreessichaa ka mana hidha'aa godhataneeranu keessatti isa hidhane.
JER 37:16 Ermiyaas Kolloo mana boolla keessaa san keessatti hidhamee yennaa hedduu ture.
JER 37:17 Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan nama ergee gara mana mootumma'aa ka ifii isa fidee, «Wonni Mootiin Waan Maraa sitti dubbate jirtii?» jedhee qofuu isa gaafate. Innille deebisee, «Ee, hin jirti; ati harka mootii Baabiloniititti dabarfantee hin kennanta» jedhe.
JER 37:18 Achiin duuba Ermiyaas mooticha Zedeqiiya'aan, «Ani maan si yakke? Tajaajiltoota teetii fi kolbaa teeti irralle'etti yakkaa maan hujeef na hiisitte?
JER 37:19 Raagoti teeti, ta ‹Mootiin Baabilonii si'ii fi lafa tana hin lolu› jedhanee raagane eessa jiran?
JER 37:20 Ee goottaa kiyya mooti'i! Maganne'e waan ani sitti himadhu akka naaf dhageettu si kadhadha! Ani achitti akka hin duune deebittee mana Yonaataanii barreessichaatitti na hin hiisisin!» jedhe.
JER 37:21 Maarre mootichi Zedeqiiyaan kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessatti akka hidhamu ajajee, daabboon qachaa keessaa haga dhumatutti karaa worra daabboo bilcheesuutiin guyyuma guyya'aan daabboo tokko tokko akka isaaf kennanu godhe. Maarre Ermiyaas kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa ture.
JER 38:1 Ilmi Maataanii Shefaaxiyaan, ilmi Phashihurii Gadaaliyaan, ilmi Shelemiiya'aa Yukaalii fi ilmi Malkiiya'aa Phashihur dubbii Ermiyaas kolbaa maratti dubbate dhage'ane;
JER 38:2 Dubbiin inni dubbate sun, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri qachaa keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan hin du'an; worri gara worra Baabilonii baqatu ammoo hin ijjeefamu; jiru'uun jalaa bayanee hin le'an.
JER 38:3 Qachaan kun dhugumaan harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille hin qabata› jedha» ta jettu.
JER 38:4 Achiin duuba qondaaltoti mootichaan, «Namichi kun waan akkanaa dubbatiisaan loltoota teenna ta qachaa kana keessatti hafanee fi kolbaa mara sossodaachisa; nami kun kolbaa tanaaf badii malee waan dansaa waan hin halchiniif isa ijjeesi!» jedhane.
JER 38:5 Mootichi Zedeqiiyaan deebisee, «Kunoo, inni harka keessan keessa waan jiruuf, akka feetane yoo isa gootane ani isin dhoogguu hin dande'u» jedhe.
JER 38:6 Maarre isaan Ermiyaas geessanee wodaro'oon boolla bisaanii ta Malkiiyaa ilma mootichaa, ta badhinna kolloo eeddotaa keessa jirtu keessa buusane; boolli sun dhoqqee malee bisaan keessa hin jiru; Ermiyaasille dhoqqee keessa gad lixe.
JER 38:7 Guneessichi, «Ebeed-Melek» jedhamu nami biyya Itoophiya'aa, ka mana mootumma'aa keessa jiru akka Ermiyaas boolla bisaanii keessa buusane dhage'e; yennaa san mootichi karra Beniyaaminii bira tee'eeraayyu;
JER 38:8 maarre Ebeed-Melek mana mootumma'aa keessaa bayee gara mootichaa dhaqee,
JER 38:9 «Ee goottaa kiyya mooti'i, namooti kun Ermiyaasii raagicha irratti hammeenna hujanee, yennaa daabboon qachaa keessa hin jirretti, boolla bisaanii keessa buusane; inni achitti hin du'a» jedhe.
JER 38:10 Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan Ebeed-Melekii nama biyya Itoophiya'aatiin, «Namoota soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii, adoo inni hin du'in boolla bisaanii san keessaa isa baasi» jedhee ajaje.
JER 38:11 Maarre Ebeed-Melek namoota san woliin gara kolloo mana mootumma'aa keessaa ta mana meyaatiin jala jirtuu dhaqee, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu fuudhee wodaroo itti hidhee gara Ermiyaasii boolla bisaanii keessa gad buuse.
JER 38:12 Achiin duuba Ebeed-Melekii nami biyya Itoophiya'aa, Ermiyaasiin, «Wodaroon akka si hin luqqinne, woyaa dullatti'ii fi hoccuu bututtuu tana bobaa teeti jala keyadhu» jedhe; Ermiyaasille akkuma san godhe;
JER 38:13 isaanille wodaro'oon harkisanee Ermiyaas boolla bisaanii keessaa baasane; Ermiyaasille badhinna eeddotaa ka badhinna mana mootumma'aa keessa jirtu keessa ture.
JER 38:14 Zedeqiiyaan gara Ermiyaasii raagichaa nama ergee, gara seensuma Galma Waaqaa ka sadeesso'ootitti akka isa fidanu godhee, «Gaaffii tokko si gaafadha, womaa na hin dhossin» isaan jedhe.
JER 38:15 Innille mootichaan, «Ani yoo deebii sii kenne, ati na hin ijjeetta; yoo si gorselle, ati na hin dhageettu» jedhe.
JER 38:16 Maarre mootichi Zedeqiiyaan dhossa'aan Ermiyaasiif kakatee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee jiruu nu'uuf kennee, ani si hin ijjeesu; worra si ijjeesuu barbaadanulle'eef dabarsee si hin kennu» jedhe.
JER 38:17 Achiin duuba Ermiyaas Zedeqiiya'aan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, Waaqi Israa'elii, ‹Ati qondaaltota mootii Baabiloniititti harka yoo kennatte, jiru'uun hin jiraatta; qachaan kunille hin gubatu; atii fi maatii teetille jiru'uun hin jiraattan.
JER 38:18 Ati qondaaltota mootii Baabiloniititti harka yoo hin kennatin ammoo, qachaan kun harka worra Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin guban; atille isaan jalaa hin baatu› jedha» jedheen.
JER 38:19 Mootichi Zedeqiiyaalle Ermiyaasiin, «Ani Yihudoota worra finqilee Baabilonitti gale hin sodaadha; worri Baabilonii isaanitti dabarsanee na waan kennanuuf, isaan na hin farrisiisan» jedhe.
JER 38:20 Ermiyaasille deebisee, «Isaan dabarsanee si hin kennanu; jecha Mootii Waan Maraa ka ani sitti himu kanaaf ajajam; wonni dansaalle si'iif hin teeti; ati lubbu'uun jiraatta.
JER 38:21 Ati yoo harka kennatuu didde ammoo, wonni Mootiin Waan Maraa natti mudhise tana:
JER 38:22 Dubartooti mana mootii Yihuda'aa keessatti hafane marti qondaaltota mootii Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; dubartooti sun si'iin: «‹Jaaloti teeti worri ati addatte si dokonkorsanee si injifatane. Miilli keeti dhoqqee keessa lixeera; jaaloti keeti si lakkisanee baqataneeran› hin jedhan.
JER 38:23 «Niitoti teetii fi ijoolleen teeti marti worra Baabiloniitiif dabarfamanee hin kennaman; atille mootii Baabiloniitiin hin qabanta malee harka isaa jalaa hin baatu; qachaan kunille hin gubama» jedheen.
JER 38:24 Achiin duuba Zedeqiiyaan deebisee Ermiyaasiin, «Waan dubbanne kana eennulle hin beekin; atille hin duutu.
JER 38:25 Qondaaltoti waan ani si woliin dubbadhe kana dhage'anee, gara keeti dhufanee, ‹Waan mootichaan jette, mootichille waan siin jedhe nutti himi; nu hin dhossin; yoo ati nu dhossite nuuti si hin ijjeenna› yoo si'iin jedhane,
JER 38:26 ati deebisiitii, ‹Mootichi gara mana Yonaataanii na deebisee, ani achitti akka hin duune isa kadhadhe› jedhiin» jedhe.
JER 38:27 Qondaaltoti marti gara Ermiyaasii dhufanee isa gaafatane; innille akkuma mootichi isa ajaje isaaniif deebise; maarre waan inni mooticha woliin dubbate nami tokkolle waan hin dhage'iniif, isaan isa gaaffii lakkisane.
JER 38:28 Ermiyaasille haga guyyaa Yerusaalem qabanteetitti, badhinna eeddotaa ka badhinna mana mootumma'aa keessa ture.
JER 39:1 Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar loltoota ifii mara woliin itti duulee Yerusaalem marse.
JER 39:2 Zedeqiiyaan mootii te'ee woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti worri Baabilonii dalleya qacha'aa cassane.
JER 39:3 Yennaa qachaan Yerusaalemii qabame, qondaaltoti mootii Baabilonii marti: Nergaal-Shaarezer, Samgaar-Nebuu, Saar-Sekiim sooressi ajajjoota hojjatoota mana mootumma'aa, Nergaal-Shaarezer qondaala ol-aana'aa fi qondaaltota mootii Baabilonii dhibii mara woliin dhufanee karra wodhakkaa jirtu keessatti addee qabatane.
JER 39:4 Mootichi Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi loltooti isaa marti yennaa isaan dhaggane, karra karaa oorruu mootichaa ta dalleya lama wodhakkaa jirtuun bayanee, halkaniin baqatanee qachaa keessaa bayanee, gara dhooqa Yordaanosiititti gad bu'ane.
JER 39:5 Loltooti Baabilonii ammoo isaan ariitee, dirree Yeriko'ootitti isaan dhaqqaddee Zedeqiiyaa mooticha qadde; isa boojitee, gara qachaa Riiblaa ka lafa Haamaatii keessa jiruu, gara mootii Baabilonii isa geessane; mootichille achitti isatti mure.
JER 39:6 Mootiin Baabilonii ilmaan Zedeqiiya'aa iluma isaa duratti Riibla'atti ijjeese; qondaaltota Yihuda'aalle mara ijjeese.
JER 39:7 Achiin duuba inni gara Baabilonii geessiisaaf, ila Zedeqiiyaa keessaa baasee wodaroo sageettu'uutiin isa hidhe.
JER 39:8 Worri Baabilonii mana mootumma'aatii fi mana kolba'aa mara gubanee dalleya Yerusaalemiille diigane.
JER 39:9 Achiin duuba ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan worra qachaa keessatti hafe, namoota harka isatti kennatee fi kolbaa dhibii mara wolitti qabee booji'ee gara Baabilonii geesse.
JER 39:10 Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, namoota hiyyeeyyii waan tokkolle hin qanne garii biyya Yihuda'aatitti lakkise; yennuma san addee muka woyni'ii itti dhaabbatanuu fi fichaa isaaniif kenne.
JER 39:11 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, marroo Ermiyaasii, ajajaa loltoota isa eeganuu, Nebuzaraadaa ajajee,
JER 39:12 «Ermiyaas gara keeti fuudhiitii, waan dansaa isaaf godhi; waan inni fedhe mara isaaf godhi malee isa hin miidhin» jedhe.
JER 39:13 Maarre ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, sooressi ajajjootaa Nebushaasbaan, ol-aanaan qondaaltotaa Nergaal-Shaarezerii fi qondaaltoti mootii Baabilonii dhibiin marti,
JER 39:14 nama erganee, badhinna eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessaa Ermiyaas baasane; akaakoon Shaafaanii ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan gara mana isaa akka isa geessuuf itti kennane; maarre innille akkanaan kolbaa ifii woliin achi le'e.
JER 39:15 Ermiyaas badhinna eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa mana hidha'aa keessa adoo jiruu, jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee,
JER 39:16 «Dhaqiitii Ebeed-Melekii nama biyya Itoophiya'aatiin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Akkuma qara dubbadhe qananummaa addoo hin te'in badii qachaa kana irratti hin fida; guyyaa san ilti teeti adoo dhaggituu tun hin muummotti.
JER 39:17 Guyyaa san ammoo ani si hin hambura malee harka worra sodaattuutitti dabarfantee hin kennantu.
JER 39:18 Ati natti waan addatteef ani dhugumaan si hin hambura; ati milixxee lubbuu hin hatta malee shallaaga'aan hin duutu jedha› jedhiin» jedhe.
JER 40:1 Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, Raama'atti Ermiyaas hiikeen duuba jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe; yennaa san Ermiyaas worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa booji'anee wodaroo sibiilaatiin hidhanee gara biyya Baabilonii geessane woliin jiraayyu.
JER 40:2 Ajajaan eeddotaa yennaa Ermiyaas dhagge, qofitti isa baasee, «Mootii Waan Maraa Waaqi keeti lafa tanatti badii akka fidu dubbateeraayyu.
JER 40:3 Amma badii san itti fideera; waan dubbate sanille muummesseera; sababa isin kolbaan Yihuda'aa cubbuu hujjanee isaaf ajajamiisa diddaneef, wonni kun marti isin irratti teete.
JER 40:4 Kunoo ani adha wodaroo sibiilaa harka keeti irraa hiikee gad lakkisaara. Ati na woliin gara Baabilonii dhaquu yoo jaalatte, koy; anille waan dansaa si'iif hin godha; ati na woliin gara Baabilonii dhaqiisa yoo hin barbaadin ammoo hin dhaqin. Kunoo, latti Yihuda'aa marti si dura jirtii, gara jaalatte deemi!» isaan jedhe.
JER 40:5 Ermiyaas deebii adoo hin deebisin, Nebuzaraadaan, «Gara Gadaaliyaa ilma Ahiiqaamii, akaakoo Shaafaanii, ka mootiin Baabilonii qachoota Yihuda'aa irratti bulchaa godhe sanii deebi'iitii isa woliin kolbaa odduu le'i yookiin gara jaalatte deemi» jedhee, kennansa isaaf kennee, galaalle isaaf galaasee gad isa lakkise.
JER 40:6 Maarre Ermiyaas gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii, ka Miisphaa jiruu dhaqee, isa woliin odduu kolbaa biyyatti hattee le'e.
JER 40:7 Ajajjooti loltootaatii fi loltooti Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti, mootiin Baabilonii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa biyya irratti bulchaa akka godhe, worra hiyyeeyyii dhiira, dubarti'ii fi ijoollee gara biyya Baabilonii adoo hin booji'amin biyyatti hafane irratti itti gaafatamaa akka godhe yennaa dhage'ane,
JER 40:8 ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmaan Qaareha'aa Yohaanaannii fi Yonaataan, ilmi Tanhumetii Seraayaan, ilmaan Efaayii nama qachaa Netofiitii fi ilmi Yaazaaniyaa nama biyya Ma'aakii namoota ifii mara woliin gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhaqane.
JER 40:9 Akaakoon Shaafaanii ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan worra gara isaa dhaqane kanaaf kakatee, «Worra Baabiloniititti harka kennatiisa hin sodaatina'a; lafa tana keessa qubadha'aatii mootii Baabilonii tajaajila'a; wonni dansaalle isiniif hin teeti.
JER 40:10 Anille Miisphaa keessa le'ee, worri Baabilonii yennaa as dhufanu addee teessan bu'ee isiniif hin falmadha; isin ammoo midhaan woyni'ii, zayitii ejersaatii fi midhaan muka adda addaa wolitti qabadha'aatii okkote'etti kuufadha'aa qachaa qabattane kana keessa le'a'a» jedhe.
JER 40:11 Worri Yihudootaa ka Mo'aab, Amooni, Edoomii fi biyya dhibii keessa le'anu marti mootiin Baabilonii biyya Yihuda'aa keessatti Yihudoota garii akka hamburee fi akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa isaanii akka godhe yennaa dhage'ane,
JER 40:12 Yihudooti marti addee itti bittinnowane mara keessaa deebi'anee, gara biyya Yihuda'aa, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufanee, midhaan muka woyni'iitii fi midhaan muka adda addaa bacaa wolitti qabatane.
JER 40:13 Ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltoota Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufanee,
JER 40:14 «Mootiin Amoonii Ba'aalis si ijjeesiisaaf ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el akka sitti erge ati hin beettuu?» jedhaneen; ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan ammoo waan isaan jedhane hin dhugeeffanne.
JER 40:15 Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaan Miisphaa keessatti dhossa'aan Gedaaliya'atti dubbattee, «Nami tokkolle adoo hin beekin ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el ani hin ijjeesa; Yihudooti si biratti wolitti qabante marti akka bittinnoottuu fi worri biyya Yihuda'aa keessatti hafelle akka baduuf inni maaf si ijjeesuu barbaada?» jedhe.
JER 40:16 Ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan ammoo, ilma Qaarehaa Yohaannaaniif deebisee, «Lakkii, ati waan akkasii hin godhin; marroo Ishimaa'elii wonni ati dubbattu dhuga'aa moti» jedhe.
JER 41:1 Wogguma san keessatti ji'a torbeesso'oo sanyii moototaa keessaa, ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ka te'e, akaakoon Eliishaama'aa ilmi Netaaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii Miisphaa dhufe; isaan Miispha'atti wolitti qabamanee nyaatiisatti adoo jiranuu,
JER 41:2 ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti kudhan ka isa woliin jiranu akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa ka mootiin Baabilonii Yihudaa irratti bulchaa godhe san shallaaga'aan ijjeesane.
JER 41:3 Ishimaa'el Yihudoota worra Gedaaliyaa woliin Miisphaa jiranu mara, loltoota Baabilonii ta achi jirtulle ijjeese.
JER 41:4 Gedaaliyaan akka ijjeefame nami tokkolle adoo hin beekin, boruyyaa ganama,
JER 41:5 namooti saddeettam gaddaan areeda haadatanee, woyaa ifii tarsaasanee, nafa ifii mummuranee Sheekem, Shiilo'oo fi Samaariyaa irraa kennansa midhaaniitii fi hixaana qabatanee, gara Galma Waaqaa dhufane.
JER 41:6 Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el Miispha'aa ka'ee isaan qophatiisaaf, bowaa gara isaanii dhufe; inni yennaa isaan bira geye, «Gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii kowa'a» isaaniin jedhe.
JER 41:7 Isaan yennaa qachaa seenane ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti isa woliin jiranu isaan ijjeesanee boolla bisaaniititti gatane.
JER 41:8 Namoota saddeettama san keessaa nami kudhan ammoo Ishimaa'eliin, «Nuuti qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi damma fichaa keessatti dhoffanneerra; maganne'e nu hin ijjeesin» jedhane; maarre inni worra kaan woliin isaan hin ijjeenne.
JER 41:9 Boolli bisaanii guddoon ta Ishimaa'el reeffa namoota shallaaga'aan ijjeesee keessa buuse sun ta mootiin Yihuda'aa Aasaan mootii Israa'elii Baashaan woliin yennaa lole qochisiise; ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el reeffa worra ijjeesee boolla sanitti guute.
JER 41:10 Achiin duuba Ishimaa'el kolbaa Miisphaa keessatti hafane mara: ijoollee durraa ta mootichaatii fi worra Miispha'atti hafane ka Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, akka ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan isaan bulchu godhe san mara booji'ee, gara biyya Amoonotaa fudhatee deeme.
JER 41:11 Ilmi Qaareha'aa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu marti yakkaa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el huje mara yennaa dhage'ane,
JER 41:12 loltoota ifii wolitti qabatanee ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el loliisaaf dhaqane; isaan baleessa guddaa ka Giibe'on keessaa biratti isa dhaqqabane.
JER 41:13 Kolbaan Ishimaa'el woliin jirtu marti ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ta isa woliin jirtu yennaa dhaggane gammadane;
JER 41:14 kolbaan Ishimaa'el Miishipa'aa booji'e marti deebi'anee gara Yohaannaanii ilma Qaarehaa deemane.
JER 41:15 Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ammoo namoota saddeeti woliin isa jalaa miliqanee gara biyya Amoonotaa baqatane.
JER 41:16 Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu mara woliin, namoota worra ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa Miishipa'atti yennaa ijjeese san worra booji'ee Giibe'on keessaa fide mara: loltoota, dubartoota, ijoolle'ee fi worra mana mootichaa keessa hujanu mara deebifatane.
JER 41:17 Jarri tun Worra Baabilonii jalaa miliqiisaaf ka'anee Betlihem bira Kiimhaa qubatane; achii ka'anee gara biyya Gibxi'ii deemiisaaf qophowane;
JER 41:18 Sababa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa, ka mootiin Baabilonii bulchaa godhe ijjeeseef, isaan worra Baabilonii waan sodaataneef, gara biyya Gibxi'ii baqatane.
JER 42:1 Achiin duuba ajajjooti loltootaa marti, ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ilmi Hoshaa'iya'aa Ya'azaaniyaan, kolbaan marti gudda'aa haga diqqa'aatitti gara Ermiyaasii dhufanee,
JER 42:2 «Maganne'e, waan nuuti si kadhannu nu'uuf dhage'i! Nuuti dur nama heddu'u; amma ammoo akkuma ati dhaggitu nama diqqaa qofatti hafe; nu worra hafe kana maraaf gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii daadimadhu.
JER 42:3 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa akka nuuti deennuu fi maan akka nuuti goonu akka nutti himu, nu'uuf daadimadhu» isaan jedhane.
JER 42:4 Ermiyaasiin raagichi deebisee, «Dansa'a! Akkuma isin na gaafattane gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii isiniif hin daadimadha; waan Mootiin Waan Maraa jedhu mara tokkolle adoo hin hamburin isinitti hin hima» jedhe.
JER 42:5 Achiin duuba isaan Ermiyaasiin, «Waan akka ati nutti hintuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si erge, yoo nuuti hin godhin, Mootiin Waan Maraa ifiifuu dhugaa bayaa addatamaa nu irratti te'uu ti.
JER 42:6 Nu'uuf toltulle yookiin hammaattulle Mootii Waan Maraa Waaqa keenna ka itti si erganne saniif hin ajajanna; akka wonni dansaan nu'uuf teetu, Mootii Waan Maraa Waaqa kanaaf hin ajajanna» jedhane.
JER 42:7 Guyyaa kudhaniin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe;
JER 42:8 maarre inni ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ka isa woliin jiranu mara, kolbaa mara gudda'aa haga diqqa'aatitti gara isaa akka dhufanu wolitti waamee,
JER 42:9 isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani isiniif gaafadhu ka isin itti na ergitane,
JER 42:10 ‹Ani badii isin irratti fide saniin waan gaddeef, yoo isin lafa kana turtane ani isin hin ijaara malee hin diigu; isin hin dhaaba malee hin buqqisu.
JER 42:11 Mootii Baabilonii ka amma sodaattanu kana hin sodaatina'a! Ani isin woliin waan jiruuf, isin hin qarqaara; harka isaa jalalle'ee isin hin baasa; isa hin sodaatina'a!
JER 42:12 Ani isiniif hin marara; innille isiniif mararee gara lafa teessaniititti isin hin deebisa› jedha.
JER 42:13 «Te'uu malee, isin, ‹Nuuti lafa tana keessa hin teennu› jettanee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif yoo hin ajajamin,
JER 42:14 akkasuma, ‹Lakkii, nuuti lafa lola itti hin dhaggine yookiin addee qoonqoo tultulla'aa itti hin dhageennee fi addee itti hin beelonne gara lafa Gibxi'ii dhandhee achi hin leena› yoo jetanne,
JER 42:15 yoona, isin worri biyya Yihuda'aa keessatti hattane, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin biyya Gibxi'ii dhaxxanee achi le'iisaaf yoo murteeffattane,
JER 42:16 shallaagaan isin sodaattane achitti isinitti hin dhutti; beelti isin sodaattanelle biyya Gibxi'ii keessatti isin gula hin dhutti; isinille achitti hin duutan.
JER 42:17 Worri biyya Gibxi'ii dhaqee achi le'iisaaf murteeffate marti shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan hin du'an; balaa yookiin badii ani isaan irratti fidu jalaa nami jiru'uun hafu yookiin ka miliqu tokkolle hin jiru.›
JER 42:18 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Aari'ii fi mufiin tiyya worra Yerusaalem keessa le'utti akkuma dhangalaate, yennaa isin biyya Gibxi'iititti galtane mufiin tiyya isin irralle'etti hin dhangalaati; isin waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin teetan. Addee tana deebitanee hin dhaggitanu› jedha» jedhe.
JER 42:19 Ee isin worra Yihudaa keessatti hattane, Mootiin Waan Maraa, «Gara biyya Gibxi'ii hin dhaqina'a» isiniin jedheera; anille adha tana akka isin ifi eeggachisiise beeka'a.
JER 42:20 Isin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keenna nu'uuf daadimadhuutii, waan inni si'iin jedhe mara nu'utti himi; nuutille isaaf hin ajajanna» jettanee gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii yennaa na ergitane, jiruu teessan irratti dokonkora hujjane.
JER 42:21 Maarre ani waan inni natti hime mara adha isinitti himeera; isin ammoo waan inni na ergeeruun, ani isinitti hime maraan Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif haga ammaa hin ajajanne.
JER 42:22 Amma yoona addee dhaxxanee qubatiisaaf barbaaddane sanitti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan akka duutanu beeka'a.
JER 43:1 Ermiyaas jecha Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii mara ka inni akka inni isaanitti himuuf isa erge san kolbaa maratti himee yennaa fixe,
JER 43:2 ilmi Hoshaa'iya'aa Azaariyaan, ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi worri kooru marti Ermiyaasiin, «Ati hin hollitta! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, ‹Achi qubatiisaaf gara biyya Gibxi'ii hin dhaqina'a› jettee akka nutti hintuuf gara keenna si hin ergine.
JER 43:3 Ammoo ilmi Neriiya'aa Baaruk akka nuuti harka worra Baabiloniititti dabarfannee kennannee ijjeefannuuf yookiin booji'anee gara biyya Baabilonii akka nu geessanuuf nu irratti si kakkaaseera» jedhane.
JER 43:4 Maarre ilmi Qaarehaa Yohaannaan, ajajjooti loltootaa martii fi kolbaan marti Mootii Waan Maraatiif ajajamanee biyyaa Yihuda'aa keessa le'iisa didane.
JER 43:5 Ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltoota marti ammoo, Yihudaa biyya Yihuda'aa keessa le'iisaaf gosa biyya adda addaa addee itti bittinnowane keessaa deebi'anee dhufane mara fudhatanee deemane.
JER 43:6 Akkasuma dhiira, dubartii, ijoolle'ee fi ijoollee mootichaa ta durraa, ta ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan harka akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaam Gedaaliya'aatitti lakkisee fi Ermiyaasii raagicha, ilma Neriiya'aa Baarukille fudhatanee deemane.
JER 43:7 Maarre isaan Mootii Waan Maraatiif ajajamuu didanee, biyya Gibxi'ii seenanee haga qachaa Taahafeneetii deemane.
JER 43:8 Qachaa Taahafeneetii keessatti jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,
JER 43:9 «Dhakoota gugurdaa fuudhiitii, seensuma balbala mana mootumma'aa ta Fara'oonii, ta qachaa Taahafeneetii keessaatitti, adoo Yihudooti dhaggituu lafa faarri loobame itti afame jalatti awwaali.
JER 43:10 Achiin duuba isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan mara Dade, Waaqi Israa'elii: Ani tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee fidee, barcumaa mootumma'aa ka isaa dhakoota amma ani asitti awwaale kana irra hin keya; innille dunkaanii mootummaa ifii dhakoota kana irratti hin dhaabata.
JER 43:11 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarii dhufee worra Gibxi'ii hin lola; worra duuti itti murante hin ijjeesa; worra boojuun itti murante hin booji'a; worra shallaaga'aan akka du'u itti murante, shallaaga'aan hin ijjeesa.
JER 43:12 Inni galma waaqota Gibxi'ii hin guba; waaqota isaaniille hin booji'a; akkuma tisseen woyaa irratti woyaa facaafattu, inni biyya Gibxi'ii biyya ifii irratti ede'atee nageyaan hin deema.
JER 43:13 Inni soodduu galma waaqota adu'uu ka Gibxii keessaa hin caccassa; mana waaqota Gibxi'iille hin guba jedha› jedhiin» jedhe.
JER 44:1 Marroo Yihudoota biyya Gibxi'ii keessa qachaa Miigdo'oo, Taahafenee, Nofiitii fi Phaaxrosii keessa le'anu maraaf, jechi Mootii Waan Maraa gara ana Ermiyaasii dhufee,
JER 44:2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa mara irratti badii guddoo ani fide isinuu dhaggitaneertan; kunoo adha isaan diigamanee onanee ka nami keessa hin jirre te'aneeran.
JER 44:3 Kunille sababa hammeenna isaan hujaneef isaan irratti teete; isaan waaqota dhibii ka isin, abbootiin teessan yookiin isaanuu ka ifiifuu hin beenneef hixaana aarsanee waaqonfatiisaan na aarsaneeran.
JER 44:4 Ani, ‹Waan jibbisiisaa ani jibbu kana hin hujina'a› jedhee yennaa hedduu tajaajiltoota tiyya raagota isaanitti ergeeraayyu.
JER 44:5 Isaan ammoo na hin caqanne; hin qalbeeffannelle'e; hammeenna ifii irraa hin deebine; waaqota dhibi'iifille hixaana aarsiisa hin lakkinne.
JER 44:6 Tanaaf, aariin tiyya ta bobeettu dhangalaatee, qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti bobeettee, akkuma adha dhaggitanu kana diigamanee, ona akka te'anu goote.
JER 44:7 «Ammalle ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, Waaqi Israa'elii, ‹Dhiirtii fi dubartiin, ijoolle'ee fi daa'immaan Yihudaa keessatti akka hin hanneef, badii guddoo akkasii maaf ifi irratti fiddan?› jedhee isin gaafadha.
JER 44:8 Addee le'iisaaf dhuttane tana keessatti, waaqota dhibii biyya Gibxi'ii keessaatiif, hixaana aarsiisaan, waanuma harki keessan hujeen maaf na aarsitan? Ifi balleessitanee gosa biyya biyya adda addaa ta lafa irraa oddu'utti waan abaarsaatii fi coora'aa ifi hin gootan.
JER 44:9 Isin hammeenna abbootiin teessan ta durii, moototi Yihuda'aatii fi giittoti isaanii, isinii fi giittoti teessan lafa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hujjane deetaneertanii ree?
JER 44:10 Isin haga adhaa ifi gad hin qanne yookiin ulfinna naaf hin kennine; seeraa fi seerata ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kennelle hin hordofanne.
JER 44:11 «Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, badii isin irratti fidee, kolbaa Yihuda'aa ijjumaa balleessiisaaf murteeffadheera.
JER 44:12 Yihudoota worra biyya Yihuda'aa keessatti baraaree hafe, ka biyya Gibxi'ii dhaqee achi qubatiisaaf murteeffate hin fixa; isaan biyya Gibxi'ii keessatti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; diqqa'aa haga gudda'aatitti shallaaga'aa fi beelaan hin dhumatan; isaan waan abaarsaatii fi jibbamaa, jecha abaarsaatii fi coora'aa hin te'an.
JER 44:13 Ani akkuma Yerusaalem adabe, worra biyya Gibxi'ii keessa le'ulle shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan hin adaba.
JER 44:14 Worri Yihudaa keessatti baraaree hafee achi le'iisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqe, gara biyya Yihuda'aa deebi'anee le'iisaaf halchanulle, worra baqatee deebi'u garii malee, miliqee jalaa bayee yookiin jiru'uun hafee, gara biyya Yihuda'aa ka deebi'u tokkolle hin jiraatu» jedhe.
JER 44:15 Achiin duuba wolde'i guddaan kolbaa Yihudootaa ka biyya Gibxi'ii gara kibbaatii fi kaabaa le'anu dhiirti worri niitoti isaanii waaqota dhibi'iif hixaana akka aarsaaranu beekanu marti, dubartooti achi jiranu marti Ermiyaasiin,
JER 44:16 «Ergaa ati maqaa Mootii Waan Maraatiin nutti dubbatu tana nuuti caqasuu hin barbaannu!
JER 44:17 Nuuti waan hin tolchina jenne mara hin tolchina; akkuma abbootiin teenna, moototi teennaa fi qondaaltoti teenna qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii irratti tolchane nuutille mootittii ol-gubba'aatiif hixaana hin aarsina; kennansa daadhii woyni'iille hin dhibaanna; bara san nuuti sagalee bacaa qannaayyu; akka dansaa leena malee wonni hantuun nu hin dhaqqadduuyyu.
JER 44:18 Waaqa dharaa mootittii ol-gubba'aatiif hixaana aarsiisaa fi daadhii woyni'ii dhibaasiisa haga lakkinnee as ammoo waan mara dhanneerra; shallaaga'aa fi beelaan dhumatiisatti jirra» jedhane.
JER 44:19 Dubartooti itti dabalanee, «Waaqa dharaa mootittii ol-gubba'aatiif hixaana yennaa aarsinuu fi daadhii woyni'ii yennaa dhibaannu, akka nuuti daabboo fakkii isi'iititti bilcheessinuu fi kennansa daadhii woyni'ii akka isi'iif dhikeessinu dhirsooleen teenna hin beekan» jedhane.
JER 44:20 Achiin duuba Ermiyaas dhiirotaa fi dubartoota worra deebii tana isaaf kennane maraan,
JER 44:21 «Isinii fi abbootiin teessan ta durii, moototii teessanii fi qondaaltoti teessan, kolbaa lafa sanii qachaa Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hixaana aarsitane Mootiin Waan Maraa waan hin qaabanne seetanii? Marroo waan sanii inni dedheera seetanii?
JER 44:22 Mootiin Waan Maraa hujii teessan hantu'uu fi waan battii isin hujjane ossuu hin dandeenne; tanaaf latti ontee, akkuma adha jirtu tana lafa abaarsaa ta nami keessa hin jirre teete.
JER 44:23 Isin hixaana aarsiisaan Mootii Waan Maraa yakkitanee isaaf waan hin ajajaminiif, seera, seerataa fi ajaja isaa waan hin eegatiniif, adha akkuma dhaggitanu badiin tun isin irratti dhutte» jedhe.
JER 44:24 Achiin duuba Ermiyaas kolba'aa fi dubartoota maraan, «Isin Kolbaan Yihuda'aa ta biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!
JER 44:25 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isinii fi niitoti teessan, waaqa dharaa Mootittii ol-gubba'aatiif: Nuuti dhugumaa hixaana hin aarsina; daadhii woyni'ii hin dhibaanya jettanee waadaa galtane muummessitaneertan; dhaqa'aatii waadaa galtane san muummessa'a› jedha.
JER 44:26 Isin Yihudooti biyya Gibxi'ii keessa leetanu ammoo, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Yihudoota worra biyya Gibxi'ii leetanu kana keessaa, nami tokkolle haganaa achi: Dhugaa Waaqa jiraata'aa jedhee maqaa kiyya akka hin dhoonne yookiin maqaa kiyyaan akka hin kakanne, ani maqaa kiyya gudda'aan kakadheera.
JER 44:27 Ani kunoo waan hantuu isinitti fida malee waan dansaan isinitti hin fidu; isin Yihudooti worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti ijjumaa haga baddanutti, shallaaga'aa fi beelaan hin dhumattan.
JER 44:28 Isin keessaa worri diqqaan shallaagaa jalaa miliqee biyya Gibxi'ii keessaa gara lafa Yihuda'aa hin deebi'a; worri Yihudootaa ka baraaree hafee biyya Gibxi'ii le'iisaaf dhufe duudiin, dubbii ani dubbadhe yookiin dubbii isaan dubbatane keessaa dhugaan tami akka teete hin beekan.
JER 44:29 Ani Mootiin Waan Maraa addee tanatti isin adabiis, tun beessisa isiniif hin teeti. Tun teetuun yennaa dhaggitane, adabbiin ani: Isin hin adaba jedhe dhugaa akka teetee hin beettan.
JER 44:30 Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa diina isa ijjeesiisaaf barbaadu, mootii Baabilonii harka Nebukadnezaariititti dabarsee akkuma kenne, mootii Gibxi'ii Fara'oon Hofraa diinota isaa ka isa ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isa hin kenna› jedha» jedhe.
JER 45:1 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Neriiya'aa Baaruk waan Ermiyaas afaaniin isatti himuun inni kitaaba maramaa irratti barreesseen duuba, dubbiin Ermiyaas Baarukitti dubbate ta asii gad jirtu:
JER 45:2 Ee Baaruk, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii,
JER 45:3 «Ati, ‹Mootiin Waan Maraa miidhama kiyya irratti gadda waan dabaleef naaf aanne'e; ani aadiisaan dadhabee foora dhabeera› jetteerta.
JER 45:4 «Mootiin Waan Maraa ammoo, ‹Lafa Yihuda'aa mara irratti waan ijaare hin diiga; waan dhaabe hin buqqisa.
JER 45:5 Ati waan guddoo ifiif halchitaa? Lakkii, ani nama mara irratti badii waan fiduuf, tana hin halchin. Addee dhaxxe maratti ammoo akka ati hin duune hin godha› jedha» jedhe.
JER 46:1 Ergaan marroo gosa biyya adda addaatiif gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu:
JER 46:2 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, qachaa karkemeshii laga Efraaxiisii biratti, loltoota mootii Gibxi'ii Fara'oon Nekoonii, ta mootiin Baabilonii Nebukadnezaar injifate irratti, ergaan marroo Gibxi'iitiif dubbatante ta asii gad jirtu:
JER 46:3 «Wontee teessan gugurdo'oo fi didiqqoo qopheeffadha'a, lolaafille baya'a!
JER 46:4 Farda keessan bixaalladha'a! Gullee teessan ta sibiilaa keyadha'aatii addee qabadha'a! Eboo keessan qaradha'aatii qomoo teessan ta sibiilaa uffadha'a.
JER 46:5 «Mootii Waan Maraa, ‹Wonni ani dhaggu kun maan? Isaan bararaqaneeran; gara duubaa deebi'aneeran; loltooti isaanii jajjaboon injifatamaneeran; ifi duuba adoo hin ilaalin ariiti'iin baqataaran; bararaqiisi isaan marseera› jedha.
JER 46:6 Worri akka malee rukkisu, worri jajjabille jalaa bayuu hin dande'u; biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratti, gufatanee hin jigan.
JER 46:7 Ka akka laga Nayilii ol ka'u, ka akka laga guutee irraan dhangala'uu kun eennu?
JER 46:8 Gibxi akka laga Nayilii ka ol ka'uu ti; akka bisaan laga guutee irraan dhangala'uu ti. Isiin, ‹Ani ka'ee lafa hin golla; qachootaa fi namoota isa keessa le'anulle hin balleessa› jetti.
JER 46:9 Ee abbootii fardaa, ka'a'a! Worri garreettaa fardaan harkifamu oottanulle ariiti'iin oofa'a! Worri Itoophiya'aatii fi Fuxii ka wontee qabattaneertanu, goototi Ludii ka guubee qopheeffattaneertanu, ka'a'aatii duula'a.
JER 46:10 Guyyaan sun ammoo guyyaa Gootta'aa, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uu ti; guyyaa inni diinota ifii haluu bayu; shallaagaan isaa haga quufutti isaan hin nyaata; haga dheebuu bawutti dhiiga isaanii hin una. Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uuf, biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratti ciincaan hin dhikaata.
JER 46:11 Ee kolbaa Gibxi'ii ta akka intala durraa, gara Giil'aadii dhaqa'aatii qorsa dibatanu barbaadadha'a; isin akkasumaan qorsa barbaadattan malee, hin fayyitanu.
JER 46:12 Gosi biyya adda addaa marti salphinna keessan hin dhage'an; iyyi teessanille lafa hin guuti; loltooti loltootaan gufatanee lamaanuu woliin hin jigan» jedhe.
JER 46:13 Mootii Baabilonii Nebukadnezaarii dhufee biyya Gibxi'ii akka lolu ergaan Mootiin Waan Maraa Ermiyaasitti dubbatte ta asii gad jirtu:
JER 46:14 «Shallaagaan worra adaala keessan jiru waan fixxuuf, addee teessan qabadha'aatii qophowa'a!» jedhiitii, ergaa tana biyya Gibxi'ii keessatti lassi; worra qachaa Miigdolii, Nofiitii fi Taahafenee keessa jiru maralle'eef lallabi.
JER 46:15 Loltooti teessan jajjabi maaf jigane? Mootiin Waan Maraa waan isaan gad darbuuf dhaabbatuu hin dande'anu;
JER 46:16 Isaan waan guggufatanuuf wol irratti hin jijjigan; wol woliin, «Kowa'a gara kolbaa teennaatii fi gara lafa teennaa deebina; shallaagaa diina keennaa jalalle'ee baqanna» hin jedhan.
JER 46:17 Isaan achitti, «Mootii Gibxi'ii Fara'oon, nama afaan calla'aa, ka carraa ifiititti hin fayyadanne» jedhanee maman.
JER 46:18 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, mootichi, «Ani jiraata'a; mootichi hunnaamessi ka akka gaara Taaborii ka gaarota oddu'utti mudhatuu, ka akka gaara Qarmelosii ka abbaayaa qarqara jiruu fakkaatu hin dhufa.
JER 46:19 Isin worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu booji'amiisaaf meya keessan qopheeffadha'a; qachaan Noofii diigamee, onee ka nami keessa hin jirre hin te'a.
JER 46:20 Gibxi akka goronsa miidhaguu ti; faachi isii iddu ammoo gara kaabaatii itti hin dhufa.
JER 46:21 Loltooti biyya Gibxi'ii keessatti bitamanee odduu isaanii jiranu, worri akka dardara coome, yennaan isaan adabamanuu fi guyyaan badii isaanii waan dhikaateef, isaan gara duubaa deebi'anee hin baqatan; addee dhaabbatanetti ifi irraa dhooggatiisa hin dande'anu.
JER 46:22 Diinni isaan loliisaaf akka nama muka muruu, agaraa qabatee waan itti dhufuuf, worri Gibxi'ii akka dhudhuufa'aa siissaa, isaan duraa hin baqatan.
JER 46:23 Isaan loltoota Gibxi'ii ta akka gongomaa cigga'aa ciranee hin fixan; Laakkossi loltoota sanii akka awwaannisaa bacaa waan te'aneef, nami isaan laakkowuu hin dande'u.
JER 46:24 Kolbaan biyya Gibxi'ii hin salphatti; kolbaa gara kaabaatitti dabarfantee hin kennanti» jedha.
JER 46:25 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, «Amoonii waaqa qachaa Tebesii, biyya Gibxi'ii, moototaa fi waaqota isi'ii, worra mooticha isi'iititti addatu mara hin adaba;
JER 46:26 Nebukadnezaarii mootii Baabiloniitii fi loltoota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; te'uu malee, gara duraa ammoo biyyi Gibxi'ii akkuma durii ta nami keessa le'u hin teeti.
JER 46:27 «Ee tajaajiltoota tiyya sanyii Yaaqoobii hin sodaatina'a; Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a! Ani biyya fago'ootii isin hin fida; sanyii teessanille lafa isaan itti booji'amanee jiranu keessaa hin baasa; sanyiin Yaaqoobii deebitee nageyaan leeti. Nami isaan sodaachisulle hin jiraatu.
JER 46:28 Ee tajaajiltoota tiyya sanyii Yaaqoobii, ani isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a! Gosa biyya adda addaa ta ani odduu isaaniititti isin bittinneesse mara hin balleessa; isin ammoo hin balleessu. Ani haqaan isin adaba malee, adoo isin hin adabin hin lakkisu» jedha.
JER 47:1 Mootiin Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gaaza'aa lolee adoo hin injifatiniin dura marroo Filisxeemotaa ergaan Mootii Waan Maraa ta gara Ermiyaasii dhutte ta asii gad jirtu:
JER 47:2 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, karaa Kaabaatiin bisaan guutee dhufiisatti jira: «Lolaa jabaa hin te'a; lafa sanii fi waan achi keessa jiru mara qacha'aa fi waan qachaa keessa jiru mara hin golla. Kolbaan qoonqoo ol qabattee hin iyyiti; namooti lafa irra le'anu marti wiiccifatanee hin bowan.
JER 47:3 Sababa hididdeettii kottee fardo'ootii fi garreettaa diinaa, sababa kokokkeessa korbo'ootiif, abbootiin hunna waan dadhadduuf, ijoollee ifii qarqaariisaaf duubatti hin deebitu.
JER 47:4 Filisxeemota mara balleessiisaaf, worra hafee isaan qarqaaru mara, Xiiroosii fi Sidoon keessaa guyyaan ani isaan balleessu dhikaateera; worra Filisxeemotaa ka hafane, ka dur oddoola Kaftoriitii dhufane, ani balleessiisaaf ka'eera.
JER 47:5 Kolbaan qachaa Gaaza'aa gaddanee mataa ifii hin haadatan; kolbaan qachaa Ashiqalonii hin dhumatti. Isin worri dhooqa keessatti baraaree hattane haga yoomii gadditanee nafa ifi mummurtan?
JER 47:6 «Isin, ‹Ee shallaagaa Mootii Waan Maraa! Ati yoom foorfatta? Gonofaa keetitti deebi'iitii cadhi jedhii tee'i› jedhaa hin iyyitan.
JER 47:7 Ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya qachaa Ashiqaloniitii fi worra qarqara abbaaya'aa akka loltuuf eega ajaje, attam foorfata ree?» jedhe.
JER 48:1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, Marroo Mo'aabii, «Qachaan Nebo'oo waan diigamuuf, isaaf aanne'e! Qachaan Kiriiyat-Aayimii hin salphata; hin qabamalle'e kusheen jadduun isaalle hin salphatti; hin diigantille'e.
JER 48:2 Haganaa achi Mo'aab deebitee hin leellifantu; namooti qachaa Heshiboonii keessatti Mo'aab deebitee akka hin beekkanne, ‹Kowa'a biyya Mo'aabii balleessina› jedhaa mala itti hin dhowan; worri qachaa Maadmeenii keessaalle hin dhumata; shallaagaan isaan hin ari'a.
JER 48:3 Iyya Horonaayim keessaa, ta diigamiisaatii fi ta badii guddo'oo caqasa'a!
JER 48:4 Mo'aab hin diiganti; ijoolleen isi'iille hin iyyiti.
JER 48:5 Bowaa gara Luhiitii ol hin bayan; badiin waan isaan dhaqqaddeef, wiiccifatanee bowaa qachaa Horonaayimii irraa gad hin bu'an.
JER 48:6 Baqadha'aatii, lubbuu teessan hamburadha'a! Akka kolbaa qachaa Aro'erii ta goomolee keessaa fagaadha'a!
JER 48:7 Hujii teessanii fi durummaa teessanitti waan addatanuuf, isin hin booji'antan; waaqi dharaa kemoshille hayyootaa fi qondaaltota ifii mara woliin hin booji'ama.
JER 48:8 Mootiin Waan Maraa waan dubbateef, ka qachaa balleessu qachaa tokko tokkooyyuu loliisaaf hin dhufa; qachaan tokkolle miliqee jalaa hin bayu; dhooqii fi latti gooroo irraa hin badan.
JER 48:9 Mo'aab duwwaa waan teetuuf, soodda itti facaasa'a; qachaan isi'ii onee ka nami keessa hin jirre hin te'a» jedha.
JER 48:10 Nami hujii Mootii Waan Maraa hujiisaaf rincicu ka abaarame te'uu ti; Mootiin Waan Maraa ajajeeruun, nami shallaagaa ifii akka dhiiga hin dhangalaanne dhooggatu, ka abaarame te'uu ti.
JER 48:11 Mootiin Waan Maraa, «Mo'aab ijoollumma'aa jalqaddee rakkoo hin beettu; isiin akka daadhii woyni'ii ta qararantee, okkotee taan irraa gara okkotee dhibi'ii adoo hin naqamin turtee, ta mi'aan isi'ii akkuma qaraa jiruutii fi ta uddaan isi'ii hin jijjiiraminii ti; kolbaan isi'ii booji'antee hin beettu.
JER 48:12 Tanaaf guyyaan ani namoota akka okkote'ee Mo'aab dhudhulchanu ergu hin dhufa; isaan Mo'aab akka okkote'ee dhuldhuchanee duwwaa hamburanee hin caccassan.
JER 48:13 Akkuma Israa'elooti, yennaa waaqa dharaa Bet'elitti addatane salphatane, Mo'aabotille waaqa ifii ka dharaa Kemoshiin hin salphatan.
JER 48:14 Isin kolbaan Mo'aabii, attam, ‹Nuuti loltoota hunnaameyyi'i; nuuti loltoota janna› ifiin jettan?
JER 48:15 Ani mootichi, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Mo'aab hin baddi; qachaan isi'iille hin qabatama; dargaggooti isi'ii ta dhiiraa worri mimmidhaagaan hin ijjeefaman› jedhee dubbadheera.
JER 48:16 Jinnanni Mo'aabii dhikaateera; badiin isi'iille ariiti'iin hin dhutti.
JER 48:17 «Worri adaala isi'ii jirtanu marti, worri gurra isi'ii beettanu marti, ‹Uleen isi'ii ta bokku'uu hunnaamettiin, uleen isi'ii ta ulfinnaa attamiin cadde?› jedha'aatii isi'iif bowa'a.
JER 48:18 Mo'aab ka balleessu isin loliisaaf dhufee, qachoota keessan ka dalleya dhaka'aa qabu waan diiguuf, isin worri qachaa Diibonii keessa leetanu, addee teessan ta ulfinnaa san irraa gad bu'a'aatii lafa godduu irra tee'a'a!
JER 48:19 Isin worri qachaa Aro'er keessa leetanu, karaa irra dhaabbadha'aatii eega'a; nama baqatuu fi dubartii milixxu, ‹Maanti maan te'e?› jedha'aatii gaafadha'a.
JER 48:20 Isaanille, ‹Mo'aab waan diiganteef salphatteerti. Isi'iif wiiccifadha'aatii bowa'a! Akka isiin baddelle laga Aarnonii biratti lallaba'a› hin jedhan.
JER 48:21 «Qachoota gooroo irraa keessaa Holoon, Yaahaz, Mefaat irratti,
JER 48:22 Diibon, Neboonii fi Bet-Diiblaataayim irratti,
JER 48:23 Kiriiyat-Aayim, Bet-Gaamul, Bet-Me'on irratti,
JER 48:24 Keriyotii fi Bozraa irratti, qachoota Mo'aabii ka dhiko'oo fi fagoo jiranu mara irratti muraan dhutteerti.
JER 48:25 Gaafi Mo'aabii cabeera; irreen isi'iille caddeerti» jedha.
JER 48:26 Mootiin Waan Maraa, «Mo'aab na caalaa waan ifi gudditteef, akka machoottu, diddiga ifii irralle'etti jiddee akka itti kollanu hin godha.
JER 48:27 Ee Mo'aab! Kolbaan Israa'elii tun hanna irratti qabanteertii? Ati yennaa waan isaanii dubbattu maaf mataa raasaa itti murgita ree?
JER 48:28 Ee isin worri Mo'aab keessa leetanu, qachoota keessaa baya'aatii rassaa keessa le'a'a; akka saphaliisa goda qarqaratti mana ijaaratuu te'a'a.
JER 48:29 «Nuuti koora Mo'aabii, guddoo bondhooriisa isi'iitii fi ifi saadiisa isi'ii, kooraa fi hunnaan nama irratti ka'iisa isi'ii, tuffii isi'iille dhageenneerra.
JER 48:30 Ani Mootiin Waan Maraa koorri isi'ii soba akka te'e hin beeka; ifi jajiis isi'ii kun womaa hin bayu.
JER 48:31 Tanaaf, ani Mo'aabiif hin wiiccifadha; nama Mo'aab keessa jiru maraaf hin bowa; worra Qiir-Heresiitiifille hin gadda.
JER 48:32 Ee muka woynii qachaa Siibmaa, qachaa Yaazeriitiif haga bowu caalaa si'iif hin bowa; dameeleen teeti haga qarqara abbaaya'aa, haga abbaayaa Yaazerii banqaaqaneeran. Ka balleessu dhufee, midhaan dura bilchaatee fi unkuruura woyni'ii hin balleessa.
JER 48:33 Fichaa Mo'aabii ka midhaan dansaa kennu keessaa, gammadaa fi ililleettiin dhabanteerti; ani daadhii woyni'ii addee itti cunfanu keessaa balleesseera; nami gelele'een cunfu hin jiru; hogaan jiraatulle, hogaa gammadaatii moti.
JER 48:34 «Qoonqoon iyya isaanii Heshiboon keessaa haga El'aaleetii fi haga Yaahaziititti, Zo'aari keessaa haga Horonaayimiitii fi haga Eglaat Shelshiiya'aatitti hin dhage'anti; bisaan Niimriimiituu hin goga.
JER 48:35 Ani worra addee waaqonfanna'aa irratti, kennansa dhikeessu fi worra waaqota dharaa ifiitiif hixaana aarsu, Mo'aab keessaa hin balleessa.
JER 48:36 Qabeenni Mo'aabiitii fi kolbaa Qir-Heresii waan badeef, akka worra suusullee gaddaa afuufaa gadduu, gadhaan kiyya isaaniif hin gadda.
JER 48:37 Marti isaanii mataa haadatanee, areeda ifiille quxataneeran; harka ifii mummuratanee, woyaa gaddaa uffataneeran.
JER 48:38 Akka okkotee nami hin barbaannee, ani Mo'aab waan casseef, heellichoo mana Mo'aabii mara irraa fi woldeennaa kara'aa mara irratti, bowa malee wonni dhage'amu hin jiru.
JER 48:39 Mo'aab attam attam bututte! Kolbaan isi'ii attam attam wiiccifatte! Isiin attam attam salphattee duubatti deebite! Mo'aab ta nami itti kollu, worra adaala isi'ii jiru maratti, waan hantuu nami dhaggee bararaqu teeteerti» jedha.
JER 48:40 Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, akka risaa koola ifii badhisee xinniquu, diinni Mo'aab irratti hin dhufa.
JER 48:41 Qachooti isi'ii hin qabaman; kusheen isi'ii jadduun hin fudhataman; guyyaa san loltooti Mo'aabii, sodaatanee akka dubartii ciniinsifattuu hin te'an.
JER 48:42 Mo'aab ana Mootiin Waan Maraa irratti waan ifi saaddeef, mootummaan isi'ii hin baddi.
JER 48:43 Ee kolbaa Mo'aabii, bararaqi, boollii fi tiyyoon isin dura jirti.
JER 48:44 Bara ani isaan adabu worri bararaqee baqatu boolla keessa hin bu'a; worri boolla keessaa utaalee bawu, tiyyo'oon hin qabama.
JER 48:45 Qachaa Heshiboonii keessaa ibiddi, mana Sihoonii mootichaa keessalle'ee bobe'i ibiddaa bayee, adda Mo'aabii, buqqii mataa worra hogisee kooruu, gubee hin balleessa. Worri baqatee gara Heshoobii dhufe, dadhabee gaaddisa isi'ii jala hin dhaabata.
JER 48:46 Ee Mo'aab si'iif aanne'e! Kolbaan Kemoshii baddeerti; ilmaan teessan qabamaneeran; ijoolleen duraa teessanille booji'amaneeran.
JER 48:47 «Te'uu malee barri ani worra Mo'aab keessaa booji'ame adde'etti deebisu hin dhufa; muraan Mo'aab irratti murante as irratti dhumatti» jedha.
JER 49:1 Marroo Amoonotaatiif Mootiin Waan Maraa, «Israa'el ilmaan dhiiraa hin qabuu? Ta isa dhaaltu hin jirtuu? Worri waaqa dharaa Miilkom waaqonfatu maaf sanyii Gaadii ari'ee, lafa isaanii qabatee qachaa isaanii keessa qubatte ree?
JER 49:2 Tanaaf, guyyaan ani qachaa Amoonotaa Raabaa irratti iyya lolaa dhageessisu hin dhufa; qachaan sun diigamee tuulaa bututaa hin te'a; ollaan adaala isi'ii marti ibiddaan hin gubaman. Achiin duuba Israa'el worra dur isii ari'ee dhaale, isiille isaan ariitee hin dhaalti.
JER 49:3 Ee kolbaa Heshiboonii, qachaan Aayii waan diigameef, wiiccifadha'a! Ee worra Raabaa keessa leetanu, waaqi dharaa keessan Miilkom hayyootaa fi qondaaltota ifii woliin waan booji'amuuf, woyaa gaddaa uffadha'aatii bowa'a; dalleya keessa asii fi achi fiiga'a!
JER 49:4 Ee worra addatamummaa hin qanne, isin maaf dhooqa teessan ta midhaan dansaa baachuun koortan. Isin durummaa teessanitti addatanee, ‹Eentu nu loluu dande'a?› jettan.
JER 49:5 Ani Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, worri adaala keessan jiru marti akka isin bararassu hin godha. Isin martinuu hin ari'antan; worra baqate san nami wolitti qabu hin jiru.
JER 49:6 «Yennaa diqqo'oon duuba ammoo, ani boojuu Amoonotaa hin deebisa» jedha.
JER 49:7 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade marroo Edoomiitiif, «Qarummaan Temaan keessa hin jirtuu? Gorsi worra qalbeeffannaa qabu jalaa baddee ree? Qarummaan isaaniille isaan irraa baddee ree?
JER 49:8 Ani sanyii Esaawuu yennaa adabu balaa isaan irratti waan fiduuf, isin worri Dedaan keessa leetanu duubatti deebi'aatii baqadha'a! Goda qilee keessatti dhokadha'a!
JER 49:9 Worri midhaan woyni'ii guuratu gara keessan yoo dhufe, harcaa irratti hin lakkisanii motii ree? Hattuulle halkan yoo dhutte, haguma barbaadde callaa hattii motii ree?
JER 49:10 Ani ammoo sanyii Esaawuu ijjumaa qullaa hin hambura; akka isaan dhokatuu hin dandeenne, addee isaan itti dhokatanu hin mudhisa. Sanyiin isaa, obboleeyyan isaatii fi ollaan isaa hin badan; isaan deebi'anee hin jiraatanu.
JER 49:11 Ijoollee teessan ta abbaa hin qanne lakkisi; ani jiruu isaanii hin eega; haadhotiin hiyyeessaa teessanille natti addattuu ti» jedha.
JER 49:12 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo worri muduunuu adabbi'ii tiyya keessaa unuun isaaniif hin malleeyyuu eega unanu te'ee, isin attam isii keessaa unuu dhaddan ree? Isin adoo hin adabamin hin hattanu; muduunuu adabbi'ii keessaa unuu qaddan.
JER 49:13 Bazraan diigantee, waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan shashaatii fi abaarsaa akka teetu, qachooti isi'iille martinuu haga bara baraa diigamanee akka hafanu, ani maqaa kiyyaan kakadheera» jedha.
JER 49:14 Ani ergaa Mootii Waan Maraa biraa, «Ergamaan gara gosa biyya adda addaa ergamee, ‹Kowa'a, wolitti qabama'aatii Edoomitti duuliisaaf qophowa'a! Isii loliisaafille ka'a'a!› jedhu» takka dhage'eera.
JER 49:15 Ammalle Mootiin Waan Maraa, «Ani amma gosa biyya adda addaa oddu'utti akka ati diqqaattu, namoota odduulle'etti akka ati tuffatantu si hin godha.
JER 49:16 «Ee Edoom, ta holla rassa'aa keessa leetu, ta kooba gubbaa qabatte, jannuma'aa fi koorri keeti si sobeera. Mana keeti akka risa'aa qaccee koobaa irratti ijaarratulle ani achi irraa gad si hin buusa.
JER 49:17 «Edoom waan hantuu nami dhaggee bararaqu hin teeti; sababa badii isi'iitiif nami karaa san dabaru marti maadeffataa itti murga.
JER 49:18 «Akkuma Sodoomii fi Gomoraan qachoota ollaa isaanii jiranu woliin badane, nami tokkolle Edoom keessa hin le'u; nami tokkolle isii keessa hin jiraatu.
JER 49:19 «Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa, gara lafa marra bisile'ee dhufu, anille dedhuma gara worra Edoomii dhufee, lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a; nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa. Nami akka kiyyaa eennu ree? Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee na gaafatu eennu ree? Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree?
JER 49:20 Tanaaf, waan ani Mootiin Waan Maraa Edoom irratti fidiisaaf yaadeeru, yaada ani worra Temaan keessa le'u irratti qopheesseeru dhage'a'a! Ijoolleen isaanii akka ilmoolee hoole'ee harkifamanee hin fudhataman; sababa isaaniitiif kaloon isaanii hin baddi.
JER 49:21 Edoom yennaa jiddu iyya bowaatiin latti hin tachooti; iyyi isaanii haga Abbaayaa Diintu'uutitti hin dhage'anti.
JER 49:22 Kunoo, akka risaa koola ifii badhisee irii gad xinniquu, diinni Bozraa irratti gad hin bu'a; guyyaa san loltooti Edoomii sodaattee akka dubartii ciniinsifattuu hin teeti» jedha.
JER 49:23 Mootiin Waan Maraa, Marroo Damaasqo'oo dubbatee: «Kolbaan qachaa Haamaatiitii fi Arphaadii oduu hantuu tana waan dhageetteef, sodaatte. Akka abbaayaa raafantuu raafantee, foora dhadde.
JER 49:24 Damaasqoon dadhaddeerti; baqatiisaaf duubatti deebiteerti; soda'aan qabantee, akka dubartii ciniinsifattuu teeteerti.
JER 49:25 Qachaan leellifamaan, ka ani itti gammadu sun, attam ona te'a?
JER 49:26 Guyyaa san dargaggooti isi'ii karaa qacha'aa keessatti hin ijjeefaman; loltooti isi'ii marti hin badan.
JER 49:27 Ani dalleya dhaka'aa ka Damaasqo'ootitti ibidda hin qassiisa; mana mootumma'aa ka Ben-Hadaadii mootichaalle hin guba» jedha.
JER 49:28 Mootiin Waan Maraa marroo Qedaariitii fi marroo mootummoota Hazoorii ta mootiin Baabilonii Nebukadnezaar injifatee dubbatee, «Ka'a'a; kolbaa Qedaariititti duula'a; kolbaa lafa karaa aduun baatuu balleessa'a!
JER 49:29 Dunkaanota isaanii, horii isaanii, gollaa dunkaanii isaanii, meya dunkaanii isaanii keessa jiru maraa fi gaalota isaanii mara saama'a! Namooti, ‹Wonni isin bararassu karaa maraan isinitti dhufeera› jedhanee hin iyyan.
JER 49:30 «Ee isin worri Hazoor keessa leetanu, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar karoora hamaa isin irratti baafatee, mala isin irratti waan dhowateef, dafa'aatii fagaadha'aa baqadha'a! Goda qile'ee keessatti dhokadha'a!» jedha
JER 49:31 Mootiin Waan Maraa, «Ka'a'aatii gara gosa biyya bidhaa malee nageyaan leetuu, ta karraa fi danqaraa hin qanne, ta qofi leetuu dhaqa'aatii lola'a.
JER 49:32 «Gaalotii isaanii hin saamaman; loon isaanii marti hin dannabaman; worra rifeensa mataa ifii jala quxatu hin bittinneessa; gara maraan badii isaanitti hin fida.
JER 49:33 Hazoor bara baraan ontee addee jeedalti keessa leetu hin teeti; nami tokkolle achi keessa hin le'u; nami tokkolle achi keessa hin jiraatu» jedha.
JER 49:34 Akkuma Sedeqiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'een, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee, marroo biyya Elaamii dubbatee,
JER 49:35 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Kunoo, ani guubee worra Elaamii, meya lolaa ka isaanii, ka hunna isaaniif te'e san hin caccassa.
JER 49:36 Ani maddii lafaa arfanuu irraa qilleensa Elaam irratti hin fida; gara maddii lafaa arfaniituu isaan hin bittinneessa; biyyi kolbaan Elaamii itti hin booji'anne hin jiraattu.
JER 49:37 Diinota isaanii worra lubbuu isaanii ijjeesiisaaf barbaadu duratti kolbaa Elaamii hin caccassa; ani aarii tiyya jaddu'uun badii isaanitti hin fida; haga isaan dhumatanutti shallaaga'aan isaan hin ari'a.
JER 49:38 Ani barcumaa kiyya ka mootumma'aa Elaam keessa hin keyadha; moototaa fi bulchitoota isaaniille hin balleessa.
JER 49:39 Barri ani boojuu Elaamii deebisu ammoo hin dhufa› jedha» jedhe.
JER 50:1 Jechi Mootiin Waan Maraa marroo Baabiloniitii fi marroo kolbaa Baabilonii karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatte ka asii gad jiru:
JER 50:2 «Gosa biyya adda addaa oddu'utti lassiitii lallabi! Beessisa ol kaasiitii oduu tana lallabi! Waan tokkolle himiisaa adoo hin lakkisin, ‹Baabilon hin qabanti; waaqi isi'ii ka dharaa Beel hin qaanowa; waaqi isi'ii ka dharaa Maardukille hin bararaqa; fakkiin waaqota isi'ii ka dharaa hin qaanowan; waaqoti dharaa ka isi'ii hin bararaqan› jedhii himi.
JER 50:3 «Gosi biyya gara kaabaa takka dhuttee, Baabilon loltee lafa isi'ii hin onsiti. Nami tokkolle achi keessa hin le'u; namii fi horiin achi keessaa hin baqatan.
JER 50:4 «Bara san keessa, yennaa san, kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa wolitti qabamanee bowaa ana Mootii Waan Maraa Waaqa ifii barbaadatiisaaf hin dhufan.
JER 50:5 Isaan fuula ifii gara Xiyoonii deebifatanee karaa gara isi'ii geessu gaafataa, dhufanee gondooroo bara baraa ta hin dedhanne ana Mootii Waan Maraa woliin hin godhatan.
JER 50:6 «Kolbaan tiyya akka hoolee baddee ta tissitooti karaa irraa isaan gorsitee, gaara irra asii fi achi olokamane te'aneeran. Gaaraa fi kooba irra asii fi achi raafamanee addee ifii ta itti foorfatanu dedhaneeran.
JER 50:7 Worri isaan dhaggu marti isaan laxaphi godhan; diinoti isaanii, ‹Nuuti womaa isaan hin yakkine. Isaan Mootii Waan Maraa ka abbootiin isaanii ta durii addii godhatte duratti cubbuu waan hujaneef, tun marti isaan irratti teete› jedhane.
JER 50:8 «Biyya Baabilonii keessaa baqadha'a! Lafa Baabilonii keessalle'ee baya'aatii, akka korbeessa re'e'ee ka re'ee sooressuu te'a'a!
JER 50:9 Ani kunoo loltoota gosa biyya adda addaa guddoo gara kaabaatii Baabilon irratti hin kaasa. Isaan isii lolanee hin qabatan; daayi isaanii akka daaya worra lolaan beekkamee ka waan itti qabane irraa hin gorsinee ti.
JER 50:10 Maarre Baabilon hin saamanti; worri isii saamu marti hin durooma.
JER 50:11 «Ee kolbaa Baabilonii! Kolbaa tiyya waan saantaneef, gammaddanee ilillittaneertaniiyyu; akka waatolee diida keessa burraaxuu teetanee, akka farda wodalee himimmitaneertaniiyyu;
JER 50:12 amma ammoo qachaan keessan guddaan hin qaanowa; latti teessan ta akka haadhaa isiniif teete hin salphatti; gammoojjii, lafa godduu, goomolee ta gosa biyya adda addaa keessaa gad aante hin teeti.
JER 50:13 Sababa aarii Mootii Waan Maraatiif ona teetee hin hatti; nami tokkolle isii keessa hin jiraatu. Nami karaa Baabilonii dabaru marti hin rifata; xixanis waan isii irra dhaqqabeef itti hin kolla.
JER 50:14 «Isin worri guube'een loltanu marti, Baabilon loliisaaf marsa'a; isiin Mootii Waan Maraa duratti cubbuu waan hujjeef, daaya keessan adoo hin qusatin isi'itti darbadha'a.
JER 50:15 Karaa maraan isii loliisaaf iyya'a; isiin harka hin kennatti. Xelleephoon isi'ii hin jiddi; dalleenni isi'iille diigameera. Mootiin Waan Maraa waan haluu isii bayuuf, akkuma isiin worra dhibii irratti hujje, akkasuma isii irratti huja'aatii haluu baya'a.
JER 50:16 Nama sanyii facaasuu fi nama midhaan haamu Baabilon keessaa balleessa'a. Sababa worra shallaaga'aan nama cunqursuutiif, nami marti gara kolbaa ifii deebi'uu ti; gara lafa ifiille baqatuu ti.
JER 50:17 «Kolbaan Israa'elii akka hoolee neenqi ari'ee bittinneessu teeteerti. Dursee mootiin Asoorii isaan kukkute; achiin duuba mootiin Baabilonii Nebukadnezaar lafee isaanii caccasse.
JER 50:18 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Kunoo ani akkuma mootii Asoorii adabe, mootii Baabiloniitii fi lafa isaalle hin adaba.
JER 50:19 Israa'eloota ammoo lafa isaanii duriititti hin deebisa; Qarmelosii fi Baashaan irraa midhaan hin nyaatan; kooba Efreemiitii fi Giil'aadii irraa midhaan galfatanee hin quufan› jedha.
JER 50:20 Bara san guyyaa sanitti, worra baraaree akka hafanu godhe saniif ani waan araaramuuf, Israa'el irra yakkaa hin barbaadan; ammoo womaa irratti hin dhagganu; Yihudaa irra cubbuu hin barbaadan; ammoo womaa irratti hin dhagganu» ka jedhu.
JER 50:21 Mootiin Waan Maraa, «Lafa worra Meraataayimiitiitii fi worra Pheqod keessa le'u lola'a; isaan ari'a'aatii, ijjeesa'aa, ijjumaa balleessa'a; waan ani isin ajaju maraa godha'a.
JER 50:22 Lafa irratti qeexalli lolaa, badiin guddoolle dhage'anteerti.
JER 50:23 Baabilon ta duri akka burrisaa nama butuchaa turte, attam attam caccaddee bututte! Gosa biyya adda addaa oddu'utti attam attam onte!
JER 50:24 Ee Baabilon, ani tiyyoo si dura keyeera. Atille adoo hin beekin qabatanteerta; ati ana Mootii Waan Maraa irratti waan kaateef, dhaggantee qabatanteerta.
JER 50:25 Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, worra Baabilonotaa irratti waan huju waan qabuuf, mana meya woraanaa banee, meya woraanaa ta mufii tiyyaa gad baaseera.
JER 50:26 Biyya fagoo irraa kowa'aatii isi'itti duula'a. Gootaraa isi'ii diiga'a; akka midhaanii isii tuula'a. Baraareen adoo hin hafin, ijjumaa isii balleessa'a.
JER 50:27 Akka dardaroota qalanu, loltoota isi'ii mara qala'a. Guyyaan isaan adabamanu waan dhikaateef, isaaniif aanne'e!» jedha.
JER 50:28 Mootii Waan Maraa Waaqi keenna attam attam akka haluu baye, marroo Galma ifiitiif attam attam akka haluu inni baye, worri ari'amee lafa Baabilonii keessaa baqatee baye, Xiyoon keessatti waan isinitti himanu dhage'a'a.
JER 50:29 Mootiin Waan Maraa, «Worra guube'een lolu mara akka Baabilon lolanu waama'a! Nami tokkolle miliqee akka hin baane adaala isi'ii marsa'a. Isiin ana Mootii Waan Maraa, Woyyicha Israa'elii irratti waan koorteef, akkuma hujii isi'iititti gatii isi'iif kenna'a; akkuma isiin worra dhibii irratti hujje isii irralle'etti huja'a.
JER 50:30 Tanaaf dargaggooti isi'ii karaa irratti hin ijjeefaman; guyyaa san loltooti isi'ii marti hin dhumatan» jedha.
JER 50:31 Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, «Ee Baabilonii koortu, ani si irratti hin ka'a! Guyyaan ati adabantu dhikaateera.
JER 50:32 Ati koorameettiin gufattee hin jidda; nami ol kaasulle hin jiru; ani qachaa keeti keessatti ibidda qassiisee, ibiddi sun waan adaala isaa jiru mara hin guba» jedha.
JER 50:33 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, «Kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa cunqurfanteerti. Worri isaan booji'e jabeessee isaan qabee, gad isaan lakkisuu dideera.
JER 50:34 Ka isaan wodu ammoo jaba'a; maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u. Inni lafa isaaniitiif foora kenniisaaf, jabeessee isaaniif hin falmata. Worri Baabilon keessa le'u ammoo foora hin dhaggatu» jedha.
JER 50:35 Mootiin Waan Maraa, «Worra Baabiloniitii fi worra isii keessa le'u irratti, bulchitootaa fi qaroolee isi'ii mara irratti lolli ka'uu ti.
JER 50:36 Raagota isaanii ta dharaa irratti lolli ka'uu ti; isaanille gowwoolee hin te'an. Loltoota isaanii irratti lolli ka'uu ti; isaanille hin bararaqan.
JER 50:37 Fardaa fi garreettaa fardaan harkifamu ka isaanii irratti, loltoota biyya ormaa ta odduu isaanii jiru mara irratti lolli ka'uu ti; isaanille akka dubarti'ii hin te'an. Qabeenna isaanii mara irratti lolli ka'uu ti; isaanille hin saamaman.
JER 50:38 Latti Baabilonii waaqota dharaatiin waan guutanteef, kolbaan waaqota nama bararassu waan leellifattuuf, Bisaan isi'ii irratti oolaan hin dhufa; bisaan isi'iille hin goga.
JER 50:39 «Tanaaf bineensoti goomole'eetii fi woraabessi achi hin le'an; guchiille achi keessa hin bulti. Haganaa achi nami tokkolle isii keessa hin le'u; dhalootaa haga dhalootaatitti nami tokkolle achii keessa hin le'u.
JER 50:40 Sodoomii fi Gomoraa qachoota adaala isaanii jiranu mara woliin ani Mootiin Waan Maraa akkuma diigee balleesse, isiille diigee hin balleessa. Nami tokkolle achi keessa hin le'u; nami tokkolle achi keessa hin jiraatu.
JER 50:41 «Kunoo, loltooti gara kaabaatii dhufiisatti jiran; kolbaan biyya takkaa hunnaametti'ii fi moototi hedduun, qaccee lafaa irraa ka'anee dhufiisatti jiran.
JER 50:42 Isaan guube'ee fi woraana qabataneeran; isaan worra gadhi jabeeyyi'i; marartiille hin qabanu. Ee Baabilon, isaan si loliisaaf fardo'oon gulufaa yennaa dhufanu, hididdeettiin akka abbaayaa bulphittuu ti.
JER 50:43 Mootiin Baabilonii oduu isaanii dhage'ee, harki irraa bu'e; naasu'uun qabamee akka dubartii ciniinsifattuu te'e.
JER 50:44 «Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa, gara lafa marra bisile'ee dhufu, anille dedhuma gara worra Baabilonii dhufee, lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a; nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa. Nami akka kiyyaa eennu ree? Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee na gaafatu eennu ree? Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree?
JER 50:45 Tanaaf, waan ani Mootiin Waan Maraa Baabilon irratti fidiisaaf yaadeeru, yaada ani lafa worra Baabilonii loliisaaf qopheeffadheeru dhage'a'a! Ijoolleen isaanii akka ilmoolee hoole'ee harkifamanee hin fudhataman; sababa isaaniitiif kaloon isaanii hin baddi.
JER 50:46 Iyya qabamiisa Baabiloniitiin, latti hin tachooti; iyyi isi'iille gosa biyya adda addaa oddu'utti hin dhage'ama» jedha.
JER 51:1 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani Baabilonitti, kolbaa isi'ii worra na mormu irratti qilleensa isaan balleessu hin kaasa.
JER 51:2 Baabilon bittinneessee lafa isi'ii duwwaa godhiisaaf, ani orma isi'itti hin erga. Guyyaa badii isi'ii karaa maraan marsanee isii hin lolan.
JER 51:3 Isiin meya ifii ka lolaa yoo hidhatte, guubee ifiille yoo qopheeffatte, isinille daaya keessan isi'itti darbadha'a. Dargaggoota isi'iitiif hin nayina'a; loltoota isi'ii mara fixa'a.
JER 51:4 Isaan lafa Baabilonii keessatti madowanee karaa keessatti hin du'an.
JER 51:5 Latti isaanii ana Woyyicha Israa'elii duratti yakka'aan ta guutante teetulle, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi isaanii, Israa'elii fi Yihudaa hin lakkinne.
JER 51:6 Baabilon keessaa baqadha'aatii, lubbuu teessan hamburadha'a! Sababa yakkaa isi'iitiif hin badina'a. Yennaan ani Mootiin Waan Maraa sababa yakkaa isi'iitiif haluu bayu waan geetteef, ani akka hujii isi'iititti gatii isi'iif hin kenna.
JER 51:7 Baabilon harka Mootii Waan Maraa keessatti akka muduunuu worqii irraa hujantee ti; isiin lafa duudii macheessiteerti; gosi biyya adda addaa daadhii isi'ii ta woyni'ii unanee, maraataneeran.
JER 51:8 Baabilon dedhuma jiddee hin caccaddi; isi'iif wiiccifadha'aa bowa'a! Dedha hin fayyiti fa'a te'a, madaa isi'iitiif qorsa dibattu barbaada'a!» jedha.
JER 51:9 Worri ormaa ka achi keessa le'u, «Nuuti Baabilon fayyisiisaaf wodhaanneerraayyu; isiin ammoo fayyuu hin dandeenne; muraan isii irratti murante akka duumensaa ol kaatee, gubbaa waan dhaqqaddeef, isii lakkinnee, tokko tokkoon keenna gara biyya teennaa deenna» hin jedhan.
JER 51:10 Yennaa san kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa, «Mootiin Waan Maraa dhugaa waan nu'uuf baaseef, kowa'a, waan Waaqi keenna Mootiin Waan Maraa huje Xiyoon keessatti lallannaa ti» hin jedhan.
JER 51:11 Daaya qaradha'aatii, Wontee fudhadha'a! Yaadi Mootii Waan Maraa Baabilon balleessiisa waan te'eef, mootota Medoonii itti kakkaaseera. Mootiin Waan Maraa haluu hin baya; Galma ifiitiif haluu hin baya.
JER 51:12 Dalleya Baabilonii diigiisaaf, beessisa keessan ol kaasa'a! Worra eegu itti jabeessa'a; eeddota itti ramada'a! Worra gaadu qopheessa'a! Mootiin Waan Maraa waan kolbaa Baabilonii irratti karoorfate, hin muummessa.
JER 51:13 Ati ta bisaan hedduu bira leetu, ta qabeennaan duroonteertu, muummeen teeti dhikaatteerti, haganaa achi bu'aa haqa hin te'in hin dhaggattu.
JER 51:14 Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, ifiin kakatee, «Ani dhugumaan namoota akka tuuta awwaannisaa si keessatti hin guuta; isaanille si injifatanee hin qeexalan» jedha.
JER 51:15 Inni hunnaa ifiitiin lafa dade; qarummaa ifiitiin biyya lafaa hundeesse; hubantii ifiitiin ol-gubbaa diriirse.
JER 51:16 Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu, bokkeenni ol-gubbaa keessaa hin shookkisa; inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha. Bokkeya keessa mandiisuu hin buusa; qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessaa hin baasa.
JER 51:17 Nami martinuu daalle'ee fi worra beekkumsa hin qanne; nami worqii baqisiisu marti waaqota dharaa ka ifii huje saniin fokkifateera. Fakkiin inni huje ta dharaa ti; hafuurri keessa hin jiru.
JER 51:18 Isaan waan bu'aa hin qanne, meya murgo'oo ti; yennaa muraan itti dhuttu hin badan.
JER 51:19 Waaqi Yaaqoobii ammoo akka waaqota dharaa kanaatii moti; waan mara ka dade isa; inni kolbaa Israa'elii gosa addaa akka isaaf teetu filate. Maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
JER 51:20 Mootiin Waan Maraa «Ee Baabilon, ati burrisa kiyyaa fi meya woraanaa kiyya. Ani si'iin gosa biyya adda addaa butucha; si'iin mootummoota balleessa;
JER 51:21 si'iin fardaa fi abbootii fardaa butucha; si'iin garreettaa fardaan harkifamuu fi worra isa oofu butucha;
JER 51:22 si'iin dhiiraa fi dubartii butucha; si'iin jaarsaa fi ijoollee butucha; si'iin dargaggeessaa fi dargaggeettii butucha;
JER 51:23 si'iin tissitootaa fi hoolee butucha; si'iin qonnaan bula'aa fi qotiyyoo butucha; si'iin bulchitootaa fi qondaaltota butucha» jedha.
JER 51:24 Mootiin Waan Maraa, «Waan hantuu worri Baabiloniitii fi worri isii keessa le'u, Xiyoon irratti hujaneef, ani iluma teessan duratti gatii isaaniif hin kenna.
JER 51:25 «Ee Baabilon, ee gaara lafa mara balleessitu, kunoo ani si irratti ka'eera; ani si loliisaaf harka kiyya si irratti diriirfadhee, bowwaa rassa'aa irraa gad si hin konkolaachisa; akka gaara gubatee si hin godha.
JER 51:26 Ati haga bara baraa duwwaa waan teetuuf, dhakaan roga ijaarsaa, dhakaan hunde'eelle si keessatti hin dhaggamu.
JER 51:27 «Beessisa lolaa lafa mara keessatti ol kaasa'a! Gosa biyya adda addaa oddu'utti tultullaa afuufa'a! Isii loliisaaf kolbaa qopheessa'a! Mootummaa Araaraatii mootummaa Miiniitii fi mootummaa Ashkenaasii, Baabilon loliisaaf waama'a. Ajajaa loltootaa itti fila'a; fardoo akka tuuta awwaannisaa itti erga'a.
JER 51:28 Mootota Miidiya'aa, bulchitootaa fi qondaaltota isi'ii mara, biyya isaan bulchanu mara gosa biyya adda addaa tana mara isii loliisaaf qopheessa'a.
JER 51:29 Akka nami tokkolle achi hin leene, lafa Baabilonii duwwaa godhiisaaf, karoorri ani Mootiin Waan Maraa isii loliisaaf qopheesse waan muummowuuf, latti raafantee hin rommiti.
JER 51:30 Loltooti Baabilonii loliisa lakkisaneeran; Kushee jadduu ifii keessa tee'aneeran. Isaan hunna dhabanee, akka dubarti'ii te'aneeran; mana isaaniititti ibiddi qassiifameera; danqaraan karra isaaniille caccabeera.
JER 51:31 Qachaan karaa maraan akka qabame, mootii Baabiloniititti himiisaaf, nama rukkisu gula ka dhibiin, nama ergame gula nami ergame ka dhibiin rukkisaa,
JER 51:32 ‹Malkaan marti qabanteerti; addeen itti dhokatanu qocceen qarqara bisaanii gubatteerti; loltootille bararaxxeerti› jedhan» jedhe.
JER 51:33 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii: «Baabilon akka eeddummee midhaan itti dhowatanuu hin teeti; guyyaan Baabilon akka midhaanii dhowantu ariifatee hin dhufa.
JER 51:34 Worri Xiyoon keessa le'u, ‹Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar akka jawwe'ee nu liqinsee, caccassee nu nyaatee, akka okkotee duwwaa jirtuu nu godhe. Cooma kennaan gadhaa ifii guutatee deebisee nu tufe.
JER 51:35 Kolbaan qachaa Xiyoonii marti: Wonni nu irratti te'e, Baabilon irralle'etti te'uu ti› hin jedhan; kolbaan Yerusaalemiille, ‹Dhiigi keenna akka dhangala'e, dhiigi Baabiloniille dhangala'uu ti› hin jedhan.
JER 51:36 «Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Yerusaalemiitiin: «Kunoo ani marroo teessaniif falmadhee worra Baabilonii irratti haluu hin baya; ani laga isaaniitii fi bisaan isaanii hin gossa.
JER 51:37 Baabilon tuulaa bututaa, addee jeedalti itti galtu, waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan nami ittiin murguu, addee nami keessa hin leene hin teeti.
JER 51:38 Kolbaan Baabilon marti akka neenqaa hin harqan; akka ilmee neenqaalle hin gurura'an.
JER 51:39 Yennaa isaan waan nyaatanu dhabanee gubatane, akka isaan unanee machowanu areertii isaaniif hin qopheessa; achiin duuba isaan gammadaan hirriiba hamaa ka deebi'anee hin dammandhe hin rafan.
JER 51:40 Ani akka buruusota hoole'ee, akka korbeeyyii hoole'eetii fi akka korbeeyyii re'e'ee akka isaan qalamanu hin godha.
JER 51:41 Qachaan Baabilonii attam booji'ame! Ka biyyi lafaa ittiin koortu attam qabame! Baabilon gosa biyya adda addaa oddu'utti attam waan hantuu nami dhaggee bararaqu teete!
JER 51:42 Abbaayaan Baabilon irra hin yaa'a; danbaliin shookittu isii irra hin dhangalaati.
JER 51:43 Qachooti Baabilonii ka nami keessa hin leenee fi ka nami keessa hin deddeebine lafa godduu goomolee, ona hin te'an.
JER 51:44 Baabilon keessatti waaqa dharaa ka ‹Beel› jedhamu hin adaba; waan inni liqinselle akka diddigu hin godha. Haganaa achi gosi biyya adda addaa gara isaa hin yaa'anu; Dalleenni Baabiloniille hin jiga.
JER 51:45 Ee kolbaa tiyya isii keessaa baya'a! Lubbuu teessan hamburadha'a! Aarii tiyya jadduu jalaa baya'a!
JER 51:46 Oduun lafa irratti yennaa dhage'antuu addii hin kutatina'a yookiin hin sodaatina'a! Bulchaan bulchaa irratti hin ka'a; hammeennille lafa irratti hin te'a; oduun tuun barana ta dhibiille bara dhufu hin dhutti.
JER 51:47 Dhugumaan barri ani waaqa dharaa ka Baabilonii adabu hin dhufa; latti isi'ii duudiin hin salphatti; worri ijjeefamane marti achi keessatti hin jigan.
JER 51:48 Diinoti gara kaabaatii dhufanee Baabilon waan lolanuuf, ol-gubba'aa fi latti, wonni isaan keessa jiru martinuu gammadaan Baabilon irratti hin ilillisan.
JER 51:49 Baabilon namoota biyya lafaa duudii akkuma fixxe, kolbaa Israa'eliille waan fixxeef isiille hin baddi.
JER 51:50 Ee isin worri shallaagaa jalaa baatane, adoo hin turin achii keessaa baya'a; worri lafa fagoo jirtanu ana Mootii Waan Maraa qaabadha'a; Yerusaalemille yaadadha'a.
JER 51:51 «Isin ammoo, ‹Worri ormaa addee woyyittii mana Mootii Waan Maraa waan seenaneef nuuti waan arraffanneef, fokkifannee, salphanneerra› jettan.
JER 51:52 «Ammoo barri ani waaqota dharaa ka Baabilonii adabu hin dhufa; lafa isi'ii mara irratti worri madowe hin aada.
JER 51:53 Baabilon haga gubba'aa yoo dhaqqadelle, kushee ifii jadduu dheeressitee yoo ijaarrattelle, ani worra lolee isii balleessu isi'itti hin erga.
JER 51:54 «Baabilon keessaa qoonqoon iyyaa, lafa Baabilonii keessaa qoonqoon badii guddo'oo hin dhage'anti.
JER 51:55 Ani Mootiin Waan Maraa Baabilon hin balleessa; qoonqoo guddoo isii keessaa cadhi hin godha; qoonqoon diinota isi'ii ta akka danbalii bisaan guddaa shookkisuu isii keessatti hin dhage'anti.
JER 51:56 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa haluu bayu waan te'eef Baabiloniif akka hujii isi'iititti isi'iif hin kaffala; worri balleessu isii loliisaaf hin dhufa; loltooti isi'ii hin qabaman; guubeen isi'iille hin caccaba.
JER 51:57 Ani Mootichi ka maqaan kiyya, ‹Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade› jedhamu qondaaltota isi'ii, qaroolee isi'ii, sooressitoota isi'ii, ajajjoota loltootaatii fi loltoota isi'ii hin macheessa. Isaan haga bara baraa rafanee hin dammaqanu.
JER 51:58 Dalleenni Baabilonii yabbichi hin diigama; karri isi'ii dhedheertuun ibiddaan hin gubatti; kolbaan isi'ii toluma elootti eloon kolbaa isi'iille ibiddaan hin gubatti» jedha.
JER 51:59 Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, itti gaafatamaan waan mooticha qofaaf barbaachisuu, akaakoon Ma'aseya'aa ilmi Neriiya'aa Seeriyaan isa woliin gara Baabilonii yennaa dhaqe, Ermiyaasiin raagichi erga asii gad jirtu tana isatti hime:
JER 51:60 Ermiyaas badii Baabilon irratti dhufiisatti jirtu mara, waan marroo Baabiloniitiif barreeffame mara kitaaba maramaa irratti barreesse.
JER 51:61 Inni Seraaya'aan, «Yennaa Baabilon geette, waan kitaaba kana irratti barreeffame mara qoonqoo ol qabadhuutii kolba'aaf dubbisi;
JER 51:62 yennaa dubbittu, ‹Ee Mootii Waan Maraa! Ati addee tana, nami yookiin horiin haga keessa hin leenetti haga bara baraa ona hin godha jetteerta› jedhi.
JER 51:63 Yennaa kitaaba maramaa kana dubbittee fixxe, dhakaa itti hidhiitii laga Efraaxiisii keessa buusi!
JER 51:64 Achiin duuba, ‹Ani Mootiin Waan Maraa badii isii irratti waan fiduuf, Baabilon deebitee akka hin kaane hin liqinfanti; kolbaan isi'iille hin jiddi› jedhi» jedhe. Dubbiin Ermiyaasii as irratti dhumatte.
JER 52:1 Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokko ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibana'aa ti.
JER 52:2 Zedeqiiyaan akkuma Yehoyaaqiimii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
JER 52:3 Mootiin Waan Maraa waan isaanitti aareef, kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa irratti tun marti teete; muummee irratti inni fuula ifii duraa isaan balleesse. Zedeqiiyaan mootii Baabilonii finqile.
JER 52:4 Bara Zedeqiiyaan bulche keessa woggaa sagaleesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, loltoota ifii mara fudhatee Yerusaalemitti duule. Inni qacha'aan alatti dunkaanii dhaabatee, adaala qacha'aa marsanee yaabbannoo itti ijaarane.
JER 52:5 Zedeqiiyaan mootii te'ee, haga woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, qachaan sun akkuma marfametti ture.
JER 52:6 Wogguma san keessa ji'a arfeesso'oo, guyyaa sagaleesso'ootitti, beelti qachaa sanitti waan hammaatteef kolbaan sagalee nyaattu dhadde.
JER 52:7 Achiin duuba dalleenni qacha'aa cabe; loltooti Baabilonii qachaa marsanulle, loltooti mootii biyya Yihuda'aa halkaniin karra dalleya dhaka'aa lama odduu jirtu, ta oorruu mootichaa biraatiin miliqanee bayane. Isaan gara dhooqa Yordaanosii baqatane.
JER 52:8 Loltooti Baabilonii ammoo, Zedeqiiyaa mooticha ariitee, diida Yeriko'oo keessatti isa dhaqqadde; loltooti isaa marti isa lakkittee baqatte.
JER 52:9 Loltooti Baabilonii Zedeqiiyaa qaddee, lafa Haamatii keessatti gara Nebukadnezaarii qachaa Riiblaa keessa jiruutitti geessite; inni achitti isatti mure.
JER 52:10 Mootiin Baabilonii ilmaan Zedeqiiya'aa iluma isaa duratti ijjeese; qondaaltota Yihuda'aa maralle Riibla'atti ijjeese.
JER 52:11 Achiin duuba inni gara Baabilonii geessiisaaf, ila Zedeqiiyaa keessaa baasee wodaroo sageettu'uutii isa hidhee haga inni du'utti achuma mana hidha'aa keessa isa turse.
JER 52:12 Nebukadnezaar mootii Baabilonii te'ee woggaa kudhanii sagaleesso'ootitti, ji'a shaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'ootitti, ajajaan loltoota mooticha eeganuu tajaajilaan mootii Baabilonii Nebuzaraadaan, gara qachaa Yerusaalemii dhufe.
JER 52:13 Inni Galma Mootii Waan Maraa, mana mootumma'aa, mana Yerusaalem keessaa mara gube; mana namoota gugurda'aa mara gubee balleesse.
JER 52:14 Loltooti Baabilonii ta ajajaa loltoota mooticha eeganuun sooreffamanu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Yerusaalemiititti marfameeru diigane.
JER 52:15 Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan worra hiyyeeyyii garii, namoota qachaa keessatti hafaneeranu, worra mootii Baabiloniititti harka kennatanee fi worra hujii harkaa beekanu booji'ee, gara Baabilonii geesse.
JER 52:16 Inni worra hiyyeeyyii ijjumaa wo hin qanne garii ammoo, muka woyni'ii akka dhaabanuu fi fichaa akka qotanu lafa Yihuda'aa keessatti lakkisee deeme.
JER 52:17 Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara Biyya Baabilonii geessane.
JER 52:18 Akkasuma isaan okkotee sageettu'uu, akkaafaa sageettu'uu, waan issaa ittiin dhaanfanu ka sageettu'uu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, mooqa'aa fi meya sageettuu irraa hujame ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti ittiin tajaajilanu mara, fudhatanee deemane.
JER 52:19 Ajajaan loltoota mooticha eedduu, meya worqi'ii fi meetii irraa hujame mara qorii ittiin dhiqatanu, girgiraa, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, okkotee, waan issaa irra keyanu, mooqa'aa fi meya daadhii woyni'ii itti dhikeessanu mara fudhatee deeme.
JER 52:20 Madaalliin utuboota lamaa ka sageettu'uu, waabaa bisaanii ka sageettu'uutii fi fakkii korommii sageettuu irraa hujamane kudhanii lamaa ka waabaa bisaanii jala jiranu, wonni meya irra keyanu ka sageettu'uu ka korboo qabanuu, ka mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif hujee hagana hin jedhamu.
JER 52:21 Utubooti lamaan hojjaan tokko tokkoo isaanii ciqilee kudhanii saddeeti; furdinni tokko tokkootuu ciqilee kudhanii lama; keessi isaaniille holla qabaatee, rogi afaanii taakkuu afuri furdata.
JER 52:22 Guutuun qaccee utubaa tokko irraa ciqilee shan dheeratti; marsa guutuu utuba'aa irratti seesa caccoo sageettu'uutii fi sageettuu midhaan muka rumaanii fakkaatuun seefameera. Utubaan lammeesso'oolle akkasuma seefamee hujameera.
JER 52:23 Gara tokkoon midhaan akka midhaan muka rumaanii sagaltamii jaatti isaan irratti hujameera; seesi midhaan muka rumaanii fakkaatu ka caccoo irratti marfameeru laakkossi isaanii wolumatti dhibba.
JER 52:24 Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eedduu, Seraayaa hayyicha sooressa, hayyicha itti aanaa Sefaaniya'aatii fi eeddota karraa sadiin booji'ee fuudhee deeme.
JER 52:25 Qachaa keessatti worra hafane keessalle'ee ajajaa loltootaa, gorsitoota mootichaa torba, barreessaa ajajaa loltootaa ka kolbaa lafa sanii duulaaf filuu fi namoota dhibii ka qachaa san keessatti dhaggamanu jaatama fuudhee deeme.
JER 52:26 Ajajaan loltootaa Nebuzaraadaan, isaan mara gara mootii Baabilonii ka qachaa Riiblaa keessa jiruu geesse.
JER 52:27 Mootiin Baabilonii lafa Haamaatii Riiblaa keessatti isaan ijjeesise. Maarre kolbaan Yihuda'aa lafa ifii irraa booji'amanee deemane.
JER 52:28 Laakkossi namoota mootiin Baabilonii Nebukadnezaar booji'e ka asii gadi jiru: Inni mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti Yihudoota kuma sadii fi diddamii sad booji'e;
JER 52:29 woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti namoota dhibba saddeetii fi soddomii lama Yerusaalem keessaa booji'e;
JER 52:30 woggaa diddamii sadeesso'ootitti, ajajaan eeddota mootichaa Nebuzaraadaan namoota dhibba torbaa fi afurtamii shan booji'e; laakkossi worra booji'amee wolumatti namoota kuma afurii fi dhibba jaa.
JER 52:31 Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin booji'amee woggaa soddomii torbeesso'ootitti Ewiil-Marodaak Baabilon irratti motii te'e; inni baruma kana keessa ji'a kudhanii lammeesso'oo guyyaa diddamii shaneesso'ootitti, mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin mana hidha'aatii hiike.
JER 52:32 Ewiil-Marodaak gadhi-laafinnaan Yehoyaakiin dubbisee, mootota dhibii ta isa woliin Baabilonii keessa jirtu caalaa barcumaa ulfinnaa isaaf kenne.
JER 52:33 Maarre yennaa sanii jalqabee Yehoyaakiin woyaa ifii ta mana hidha'aa jijjiiratee, haga jiruu ifii qorii mootichaa keessaa nyaate.
JER 52:34 Mootiin Baabilonii haga Yehoyaakiin du'utti, guyyuma guyya'aan waan isaaf barbaachisu qooda isaaf baase.
LAM 1:1 Yerusaalemiin dur kolbaan keessa guutte attam qofi hatte! Ka gosa biyya adda addaa oddu'utti guddoo teete, attam akka haadha hiyyeessaa teete. Qachoota oddu'utti giittii ta teete, attam akka garbaa teete.
LAM 1:2 Halkan guutuu hin bootti, imimmaan boqoo isi'ii irra yaati. Jaalota isi'ii keessaa ka isii jajjabeessu tokkolle hin jiru. Jaaloti isi'ii marti isii mormataneeran; diinalle itti te'aneeran.
LAM 1:3 Kolbaan Yihuda'aa garbumma'aa fi eloo jaddu'uun rakkattee, biyya ifii irraa ari'antee, addee «Teenna» hin jenne, lafa dhibii keessa leete. Karaan milixxu ka hin jirre, diinaan marfante.
LAM 1:4 Nami jilaaf gara Xiyoonii dhufu, waan hin jirreef, karaan karra isi'ii martinuu duwwaa te'e; Hayyootille gaddaan aadan. Durrooti isi'ii hin gadditi. Xiyoon gadda keessa jirti.
LAM 1:5 Diinoti isi'ii isii irratti goottomanee, badhaadhaneeran. Bacinna cubbuu isi'iitiif, Waaqi isii rakkise; Ijoolleen isi'ii diinaan booji'antee, fudhatanteerti.
LAM 1:6 Ulfinni Yerusaalemii marti irraa deemeera. Sooreyyiin isi'iille akka gadansa beelowee dadhabee, worra isa ari'u duraa hin baqannee te'aneeran.
LAM 1:7 Yerusaalem rakkatee mana dhaddee waan dansaa ifii durii qaabatte. Kolbaan isi'ii ammoo diinaan waan injifatanteef, nami isii qarqaarulle hin jiru. Diinoti isi'iille diigama isi'iititti kollane.
LAM 1:8 Yerusaalem cubbuu guddoo hujjee xomorootteerti; isaan waan duwwaa isii dhagganeef, worri isii ulfeessanu marti tuffataneeran; isiinuu aadiisaan, fokko'oon fuula ifii achi garagalti.
LAM 1:9 Xomorummaan isi'ii woyaa isi'ii irratti mudhatti; isiin waan hegeri teetu hin beenne; jinnanni isi'ii sodaachisa'a; ka isii jajjabeessu tokkolle hin jiru. Diinoti isi'ii waan isii injifataneef, rakkoo isi'ii akka ilaaluuf gara Waaqaa iyyite.
LAM 1:10 Diinoti Yerusaalemii qabeenna isi'ii dadansaa saamane. Isiin Galma Waaqaa ka ifii, ka Waaqi worri Yihudoota hin te'in akka hin seenne dhoogge seenanuun dhaggite.
LAM 1:11 Kolbaan isi'ii marti sagale'eef aaddi; lubbu'uun jiraatiisaaf qabeenna dadansaa ifii sagale'een jijjiiratti. Yerusaalem «Waaqa! Na ilaali; salphinna kiyya duudiille dhaggi!
LAM 1:12 «Isin worri karaa tartanu, isiniif womaayyuu te'uu dhaddulle, ka Waaqi guyyaa mufii jaddu'uu natti fide, rakkinna kiyya kana ka fakkaatu jiraa ree? Me ilaala'aatii, dhagga'a!
LAM 1:13 «Waaqi ol-gubbaa irraa ibidda erge; ibiddille lafee tiyya keessa gube. Inni tiyyoo miila kiyyatti afee, duubatti na deebise. Inni qofi na lakkisee, guyyaa guutuu na gaggasse.
LAM 1:14 «Inni waanjoo cubbuu tiyyaa wolitti hidhee, morma kiyya irra keyeera. Isiin guddoo waan ulfaattuuf hunna na dhooggite. Waaqi diinota ani dande'ee ifi irraa hin dhooggannetti dabarsee na kenne.
LAM 1:15 «Waaqi loltoota jajjaboo ani qabu dhidhiiteera; inni dargaggoota tiyya balleessiisaaf loltoota erge; kolbaa tiyya akka midhaan woyni'ii cunfe.
LAM 1:16 «Wonni ani imimmaan tiyya dhangalaasee bowuuf tana: ka na jajjabeessu waan na irraa fagaateef, ka na jabeessu hin jiru; Diinni waan injifateef, ijoolleen tiyya qofi hatteerti» jetti.
LAM 1:17 Xiyoon harka ifii badhitteerti; ka isii jajjabeessu ammoo hin jiru. Ollooti isi'ii duudiin sanyii Yaaqoobiititti diinota akka itti te'anu Waaqi ajajeera. Yerusaalem odduu isaaniititti xomorootteerti.
LAM 1:18 Yerusaalem, «Anattuu ajaja isaa dide malee, Waaqi sirrii godhe. Isin kolbaan marti dhage'a'a; rakkoo tiyyaalle ilaala'a; dargaggooti tiyya dhiiraa fi dubartiin marti booji'amaneeran.
LAM 1:19 «Ani jaalota tiyya mara waammadhe; isaan ammoo na qarqaaruu didatane. Hayyootaa fi sooreyyiin tiyya lubbuu ifii jiraachisiisaaf, sagalee adoo barbaadatanuu karaa qacha'aa keessatti du'ane.
LAM 1:20 «Waaqa kiyya, attam akka rakkadhee, keessi kiyya laalatee, gadhaan kiyya raafame ilaali; kolbaa tiyya alatti shallaagaan, mana keessatti duuti fixiisatti jirti.
LAM 1:21 «Kolbaan aadiisa kiyya dhageetteerti; ammoo eennulle na hin jajjabeessine. Diinoti kiyya marti rakkoo tiyya dhage'anee, waan ati na irratti gootetti gammadaneeran. Guyyaa jette san fidiitii, isaanille akka kiyya te'anuu ti.
LAM 1:22 «Hammeenni isaanii marti si duratti mudhatuu ti; akkuma cubbuu tiyyaaf na adadde isaanille adabi. Ani guddoo waan aadeef, gaggabeera» jetti.
LAM 2:1 Attam attam Waaqi mufii ifiitiin Xiyoonitti duumensa uffise! Guddinna isi'iille ol-gubbaa irraa gad lafatti darbe. Xiyoon ijjata miila isaa akka teete, guyyaa mufii ifii isii hin qaabanne.
LAM 2:2 Waaqi bultoo Israa'elii mara marartii malee balleesse. Kushee Yihuda'aa mufii ifiitiin diigee balleessee, Mootumma'aa fi bulchitoota isi'ii gad lafatti gatee salphise.
LAM 2:3 Mufii ifii jaddu'uun, hunna Israa'elii mara dhoogge. Diinni yennaa isaanitti dhufelle, gargaaruu didate. Akkuma bobeenni ibiddaa, waan adaala isaa jiru mara gubu, Waaqi Israa'el gube.
LAM 2:4 Inni akka diinaa daaya ifii itti qajeelfate; harka middicha ifiille qopheeffate. Worra ila namaatitti tolu duudii, akka diinaa ijjeese. Dunkaanii kolbaa Xiyoonii irratti mufii ifii, akka ibiddaa isaan irratti gabbise.
LAM 2:5 Waaqi akka diinaatitti, Israa'el balleesse; inni kushee isi'ii maraa fi mana mootummaa isi'ii mara balleesse. Kolbaa Yihuda'aa irratti bowichaa fi gadda bira dabarse.
LAM 2:6 Galma ifii akka gosee fichaa keessaa diigee balleesse; Waaqi jilaa fi Sanbati Xiyoon keessatti akka dedhamanu godhe. Inni mufii ifii jaddu'uun mootichaa fi hayyicha salphise.
LAM 2:7 Waaqi addee ciincaa ifii didee, Galma ifiille lakkise. Dalleya mana mootummaa isi'ii harka diinaatitti dabarsee kenne; akkuma guyyaa jilaatitti godhamu, Galma Waaqa keessatti diinni qeexale.
LAM 2:8 Waaqi dalleya qachaa Xiyoonii diigiisaaf murteessee wodaroo miki'ii buuseera. Inni balleessiisaaf harka ifii irraa hin deebifanne. Xelleepho'oo fi dalleya isi'ii wolumatti diigeera.
LAM 2:9 Balbalti karra isi'ii marti awwaalante, danqaraan isi'iille caccabee bade. Mootichii fi qondaaltoti isi'ii ari'amanee gosa biyya dhibi'ii odduu jiran; Haganaa achi seerri hin jiraatu; raagoti isi'iille Waaqa irraa mudhii hin dhagganu.
LAM 2:10 Jaarsoleen qachaa Xiyoonii mataa ifiititti bukuu firfirfatanee, woyaa gaddaa uffatanee, cadhi jedhanee lafa tee'ane. Durri qachaa Xiyoonii gaddaan lafa ilaalti.
LAM 2:11 Kolbaan tiyya waan fixanteef, ijoolle'ee fi annoolleen karaa qacha'aa irratti waan gaggabaneef bowiisaan ilti na jaamaarti. Keessi kiyya na laalatee, addii kutadhe.
LAM 2:12 Ijoolleen akka loltoota madoottee, karaa qacha'aa irratti gaggabanee, «Sagale'ee fi bisaan» meet jedhaa, harka haadha isaanii irratti du'an.
LAM 2:13 Ee Yerusaalem, maan siin jedha? Maani'iin wol si qixxeessa? Xiyoonii tiyya, akka si jajjabeessuuf, maaniin wol si fakkeessa? Badiin si irra dhaqqadde akka abbaaya'aa badho'o; eentu si fayyisuu dande'a?
LAM 2:14 Raagoleen teeti mudhii dharaa ta bu'aa hin qanne si'iif dhaggite. Mudhii dharaatii fi dokonkora si'iif dhaggite malee, yakkaa teeti si'itti ifa baasanee badii si'itti dhufaartu si'i irraa hin oolchine.
LAM 2:15 Worri karaa dabaru marti cooraa harka sitti dhowaa, mataa ifii raasaa, «Yerusaalemiin tun ta shaggummaa guutuu qadduu fi qachaa biyyi lafaa duudiin itti gammaddee motii?» jedhan.
LAM 2:16 Diinoti keeti marti afaan bananee si'itti cooran. Ilkaan ciniinnatanee, «Yerusaalem balleessine. Guyyaan nuuti eeggataa turre kana; amma bira geennee dhaggine» jedhan.
LAM 2:17 Waaqi waan yaade muummesse; jecha ifiille guute. Akkuma dur murteesse marartii malee si balleessee, hunna diinota keetii jabeessee, jinnana keetitti akka gammadanu godhe.
LAM 2:18 Kolbaa qachaa Xiyoonii, gara Waaqaa iyya'a! Dalleya qachaa Xiyoonii, imimmaan teeti halkanii fi guyyaa akka lagaa yaatuu ti; hin cadhisin; boyiisalle hin lakkisin.
LAM 2:19 Halkan guutuu yennaa yenna'atti ka'ii iyyi! Waan gadhaa keeti keessa jiru, Waaqa duratti dhikeessi. Lubbuu ijoollee teetii, ta qaxxaamura karaa irratti beelaan gaggabaneef, daadimanna'aan harka keeti gara Waaqaa ol kaasi.
LAM 2:20 Yerusaalem, «Ee, Waaqa, kunoo ilaali! Kolbaan ati akkana gooteertu jirtii? Dubartooti annoolee ifii deyane nyaatanuu tii? Hayyootii fi raagoti Galma Waaqaa keessatti ijjeefamanuu tii?
LAM 2:21 «Dargaggootii fi maanguddooti, karaa irratti jiganee du'aneeran. Dargaggooti dhiiraatii fi dubarti'ii shallaaga'aan ijjeefamaneeran. Guyyaa mufii teetii marartii malee isaan qalte.
LAM 2:22 «Akka guyyaa jilaa, diinota kiyya adaala mara irraa waanteerta. Guyyaa mufii Waaqaa, ka miliqe yookiin jiru'uun ka hafe hin jiru. Ijoollee ani uumadhee guddifadhe diinni kiyya na jalaa fixe» jedhi.
LAM 3:1 Ani nama ulee mufii Waaqaatiin, adabamee rakkinna dhagge.
LAM 3:2 Inni addee ifi hin jirre, dukkanatti na ari'e.
LAM 3:3 Inni dhugumaan guyyaa mara deddeebi'ee, harka ifiitiin na adabe.
LAM 3:4 Inni foonii fi gogaa kiyya dulloonsee, lafee tiyyalle caccasse.
LAM 3:5 Inni na marsee, rakkinna hadhowa'aa fi laaleffata keessa na galche.
LAM 3:6 Inni akka worra dur du'ee awwaalamee, dukkana keessa akka le'u na tolche.
LAM 3:7 Akka ani hin baaneef, dalleya marsee natti ijaaree, wodaroo sibiilaa ulfaattu'uun na hidhe.
LAM 3:8 Qarqaarsaaf itti iyyadhulle, na caqasuu dide.
LAM 3:9 Karaa kiyya dhaka'aan duuchee, daandii tiyyalle daddasse.
LAM 3:10 Inni akka doobbaa ciisee na gaaduutii fi akka neenqa dhokaata jiruu ti.
LAM 3:11 Inni karaa irraa na harkisee, kukkutee, qarqaarsa malee na lakkise.
LAM 3:12 Guubee ifii dhisee, itti qajeelfata daaya ifii na godhe.
LAM 3:13 Inni daaya subba ifii keessaa luqqisee, kalattii tiyya woraane.
LAM 3:14 Kolbaan tiyya marti natti kollitee, guyyaa guutuu weeddu'uun natti murgite.
LAM 3:15 Inni rakkinnaan jiruu tiyya hadheessee, waan akka hargiisaa na quusse.
LAM 3:16 Inni cabbi'iin ilkaan kiyya caccassee, bukuu keessatti na gangalche.
LAM 3:17 Ani nageya dhabee, gammadi maan akka te'e dedhe.
LAM 3:18 Tanaaf ani «Jabeenni kiyya, addiin ani Waaqa irraa eegadhu marti baddeerti» jedhe.
LAM 3:19 Rakko'oo fi daaqa kiyya qaabatiis, akka qararu'uutii fi hadhoottu'uu natti teeteerti.
LAM 3:20 Ani yennaa tana qaabadhu mara, mataa buusa.
LAM 3:21 Teetulle yennaa waan tokko qaabadhu, addii qaba:
LAM 3:22 Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te'eef, marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaate nuuti badiisa dhanne.
LAM 3:23 Jaalallii fi marartiin isaa barii mara haareya; addatamummaan isaa guddo'o.
LAM 3:24 Ani ifiin, «Waaqi qooda kiyya; tanaaf isatti addadha» jedhe.
LAM 3:25 Waaqi worra addi'iin isa eegatuuf, worra isa barbaaduuf dansa'a.
LAM 3:26 Tanaaf nami cadhisee fayyisiisa Waaqaa eegatiis dansa'a.
LAM 3:27 Nami bara dargaggumma'aatitti waanjoo ba'atiisa barachuun dansa'a.
LAM 3:28 Yennaa Waaqi waanjoo isa ba'achiise, qofii ifii cadhisee tee'uu ti.
LAM 3:29 Ammalle addiin jiraatuu waan dandeettuuf, ifi gad qabuu ti.
LAM 3:30 Nama isa kabaluuf boqoo ifii kennuu ti; arraballe fudhatuu ti.
LAM 3:31 Waaqi haga bara baraa isa hin gatu.
LAM 3:32 Inni nama gaddisiisulle, akka jaalala ifii ka bara baraa gudda'aatitti marartii qaba.
LAM 3:33 Inni nama rakkisu'uu fi gaddisiisu'utti hin gammadu.
LAM 3:34 Hidhantooti biyya tokkoo yennaa dhiitamanu,
LAM 3:35 Waaqa Ol-Aanaa duratti mirgi ilmaan namaa yennaa dhooggamu,
LAM 3:36 Haajaan nama tokkoo haqa yennaa dhabu, Waaqi kana hin dhagguu?
LAM 3:37 Waaqi adoo hin ajajin, ka dubbatee woy godhuu dande'u eennu?
LAM 3:38 Wonni dansa'aa fi hantuulle ajaja Waaqa Ol-Aana'aatiin teetii motii ree?
LAM 3:39 Nami adoo hin du'in sababa cubbuu ifiitiin yoo adabame maaf gunguma ree?
LAM 3:40 Karaa keenna qorqorree ilaallee, gara Waaqaa deebinuu ti.
LAM 3:41 Kowa'a gadha'aa fi harka keenna gara Waaqa ol-gubbaa jiruu ol kaannee,
LAM 3:42 «Nuuti ajaja keeti didannee, jallannee atille nu'uuf hin araaranne.
LAM 3:43 «Ati aari'iin guutantee, nu ariitee, marartii malee nu ijjeette.
LAM 3:44 Daadimannaan teenna si bira akka hin geenne, duumensaan ifi gollatte.
LAM 3:45 Gosa biyya adda addaa oddu'utti xuri'ii fi huuraa nu goote.
LAM 3:46 «Diinoti keenna marti afaan bananee nutti murgane.
LAM 3:47 Soda'aa fi boolla bu'iis, diigamaa fi badiin nu dhaqqaddeerti» hin jenna.
LAM 3:48 Kolbaan tiyya waan badeef imimmaan ila tiyyaa akka lagaa lolaati.
LAM 3:49 Imimmaan tiyya yennaa mara lolaati,
LAM 3:50 Tun haga Waaqi ol-gubbaa irraa gad ilaalee na dhaggutti teeti.
LAM 3:51 Waan diinni kolbaa qachaa Yerusaalemii irratti godhe yennaa dhaggitu gadhaan kiyya hin gadda.
LAM 3:52 Diinoti kiyya ka sababa malee na jibbanu akka gororri'ii na adansane.
LAM 3:53 Jiru'uunuu boollatti na gatanee afaan boollaa dhaka'aan cufane.
LAM 3:54 Bisaan mataa kiyya irra dacha'ee, ani «Du'aara» jedhe.
LAM 3:55 Qilee boollaa keessaa, maqaa keeti waammadhe.
LAM 3:56 Ati gaaffii tiyya dhageetteertaa, yennaa ani qarqaarsaaf sitti iyyadhu, gurra keeti hin qabatin; ammoo furii naa kenni!
LAM 3:57 Yennaa ani si waammadhe, ati na bira dhuttee, «Hin sodaatin!» naan jette.
LAM 3:58 Goottaa kiyya! Haajaa kiyya fudhattee, lubbuu tiyya wodatte.
LAM 3:59 Goottaa kiyya! Daba na irratti hujame dhaggiteerta, ati naaf muri!
LAM 3:60 Haluu diinoti na irratti qabanuu fi mala isaan na irratti dhowane mara dhaggiteerta.
LAM 3:61 Ee waaqa! Murgoo isaan natti murgane, mala isaan natti dhowane dhageetteerta.
LAM 3:62 Guyyaa guutuu diinoti kiyya, na irratti hasaasaa, gunguman.
LAM 3:63 Kunoo isaan yennaa tee'anu fi ka'anu mara, weeddu'uun natti murgan.
LAM 3:64 Ee Waaqa! Akka hujii isaaniititti isaaniif kenni!
LAM 3:65 Abaarsi keeti akka isaanitti dhufu, mataa isaanii jabeessi!
LAM 3:66 Waaqa kiyya! Aari'iin isaan ari'iitii, Biyya lafaa irraa isaan balleessi.
LAM 4:1 Worqiin attam calalaqa ifii dhaddee, worqiin qulqulluun attam jijjiirante! Dhakaan Galmi Waaqaa ittiin ijaarame attam karaa irratti bittinnowe!
LAM 4:2 Ilmaan Xiyoonii worri dur akka worqii gatii guddo'ootitti ilaallamanu amma attam akka faara harka namaatiin hujamee te'ane!
LAM 4:3 Jeedaltinuu ilmee ifii harma hoosifatti, kolbaa tiyya ammoo akka guchiin gammoojji'ii ilme'etti gadhaa jabaatu teeteerti.
LAM 4:4 Dheebuu bisaaniitiin arrabi ijoolle'ee laagada'atti goge. Jjoolleen sagalee kadhatti; ammoo ka itti kennu hin jiru.
LAM 4:5 Kolbaan dur waan dansaa nyaataa turte karaa irratti beelaan dhumatte; worri dur woyaa dhiillee uffatee guddate amma tuulaa daadha'aa irra irkate.
LAM 4:6 Adabamiis kolbaa tiyyaa adabamiisa Sodoom, harki nama tokkoolle adoo hin tuqin dedhuma badde san caala.
LAM 4:7 Sooreyyiin isaanii cabbii caalaa calalaqanee, aanan caalaa addaatan; nafi isaaniille dooqa caalaa dhiille'e; akki dansummaa isaaniille akka dhakaa Safiirosii tola.
LAM 4:8 Amma fuulli isaanii cilee caalaa gurraachoweera; nami karaa irratti isaan beekuuyyuu hin jiru. Gogaan isaanii shuntuuratee lafe'etti maxxanee, akka muka gogee te'eera.
LAM 4:9 Worra midhaan ficha'aa dhabee suutuma suutaan beelaan du'ee mannaa, worra shallaaga'aan du'e woyya.
LAM 4:10 Badiin kolbaa tiyyatti yennaa dhutte dubartooti gadhi-laafeyyiin ijoollee ifii harka ifiitiin nyaatiisaaf iffeelane.
LAM 4:11 Waaqi aarii hantuu ifii buusee hundee isi'ii balleessiisaaf, Xiyoonitti ibidda gabbise.
LAM 4:12 Moototi lafaalle te'ee kolbaan biyya lafaa, diinoti yookiin nyaaphi karra dalleya Yerusaalemii seenuu akka dande'anu hin dhugeeffanne.
LAM 4:13 Te'uu malee, sababa cubbuu raagota isi'iitii fi yakkaa hayyoota isi'ii dhiiga worra yakkaa hin qannee dhangalaasaneef tun teete.
LAM 4:14 Isaan dhiigaan waan battowaneef nami woyaa isaaniituu tuqu hin jiru. Isaan akka balla'aa karaa irra titimisane.
LAM 4:15 Namooti «Isin worri battoottane, achi deema'a! Nu hin tuqina'a» jedhanee isaanitti iyyane. Yennaa isaan baqatanee joonjane, kolbaan gosa biyya adda addaa, «Haganaa achi isaan as turuu hin dande'anu!» jedhane.
LAM 4:16 Waaqi ifumaafuu isaan bittinneesse; inni deebi'ee isaan hin ilaalu. Hayyooti hin kabajantu, jaarsoleelle fudhatama hin qabaattu.
LAM 4:17 Akkasuma qarqaarsa adoo eegannuu ilti nu dadhadde; gosa biyya nu qarqaaruu hin dandeenne irraa qarqaarsa eegane.
LAM 4:18 Diinoti keenna waan nu gaadanuuf kara'aayyuu deemiisa hin dandeenne. Muummeen teenna dhikaattee, barri keenna waan hobba'eef, guyyooti keenna laakkossatti galeera.
LAM 4:19 Diinoti keenna risaa caalaa ariifatan; gaara irra nu ari'anee, goomolee keessalle'etti nu gaadane.
LAM 4:20 Ka Waaqi nu'uuf muude, ka nuuti, «Hafuura jiruu teennaa ti; gaaddisa isaa jalatti gosa biyya adda addaa odduu hin leena» jenne, boolla isaan nu'uuf qotane keessatti qabame.
LAM 4:21 Isin kolbaa qachaa Edoomii, worra biyya Uzii keessa leetanu, gammada'aa ilillisa'a; ammoo muduunuun mufii Waaqaa isinitti dhufaarti; isin machoottanee qullaa deentan.
LAM 4:22 Kolbaa Xiyoonii! Adabbiin teessan hobbaateerti; Waaqi haganaa achi boojuu keessa akka leetanu isin hin godhu. Ee kolbaa Edoomii, inni yakkaa teessan hin adaba cubbuu teessanille qaaleyatti baasa.
LAM 5:1 Ee Waaqa, waan nu irratti te'e qaabadhu; kunoo, salphinna keennalle dhaggi.
LAM 5:2 Qabeenna keenna ormi, mana keenna alagaan fudhate.
LAM 5:3 Nuuti ijoollee worri irraa du'e, ta abbaa hin qannee teeneerra; haadhotiin teennalle haadha hiyyeessaa te'aneeran.
LAM 5:4 Bisaan unnuuf hin kaffalla; qoraanille hin bitanna.
LAM 5:5 Akka horii waanjoo itti hidhanee oofamiisaan guddoo dadhanneerra; fooralle nu dhoogganeeran.
LAM 5:6 Sagalee quufiisaaf, worra Gibxi'iitii fi Asooriititti harka kennanne.
LAM 5:7 Abbootiin teenna ta durii cubbuu hujjee dabarte; nuuti ammoo sababa cubbuu isaaniitiif rakkatiisatti jirra.
LAM 5:8 Garbooleen nu bulchan; nami harka isaaniitii nu baasu hin jiru.
LAM 5:9 Goomolee keessa ijjeechaan waan jirtuuf, lubbuu teenna gurgurannee, sagalee dhagganna.
LAM 5:10 Beela irraa ka ka'e gogaan keenna akka suunsumaa gurraachoweera.
LAM 5:11 Dubartoota Xiyoon keessatti, durralle qachoota Yihuda'aa keessatti hunnaan woliin rafane.
LAM 5:12 Sooreyyiin harka isaaniitiin fannifante; jaarsoleen ulfinna dhadde.
LAM 5:13 Dargaggoota dhiiraa hunnaan daakuu daassifatane; ijoolleen dhiiraa qoraan guddaa ba'atanee tintimane.
LAM 5:14 Jaarsoleen yaa'ii karra qacha'aa, dargaggootille sirba lakkitteerti.
LAM 5:15 Gammadi gadhaa keenna keessaa badeera, sirbi keenna gara bowaa deebi'eera.
LAM 5:16 Nuuti cubbuu waan hunyeef, ulfinni nu irraa ka'eera; nu'uuf aanne'e!
LAM 5:17 Waan kanaaf gadhaan nu dhibameera; iltille nu cuurrotteerti.
LAM 5:18 Sababa kanaaf gaarri Xiyoonii onee, jeedalti irra burraaxxi.
LAM 5:19 Ee Waaqa, ati ammoo, haga bara baraa mooti'i; barcumaan mootummaa teetiille dhalootaa haga dhalootaatitti jiraata.
LAM 5:20 Ati maaf ijjumaa nu deete? Maaf haga kana mara nu lakkitte?
LAM 5:21 Ee Waaqa, akka duriititti nu deebifadhu, nuutille hin deebina; bara keenna haaressii akka durii nuu tolchi.
LAM 5:22 Yoo kana hin tolchin ati nu gatteerta; akka maleelle nutti aarteerta.
EZE 1:1 Woggaa soddomeesso'oo, ji'a arfeesso'oo, guyyaa shaneesso'ootitti, worra booji'ame keessaa tokko adoo te'ee jiruu, laga Kebaarii biratti ol gubbaan banantee ani mudhii Waaqaa dhagge.
EZE 1:2 Mootichi Yehoyaakiin booji'amee woggaa shaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti,
EZE 1:3 Biyya Baabilonii laga Kebaarii biratti jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya gara ana Hizqi'elii hayyicha ilma Buzii dhufe; achitti irreen Mootii Waan Maraa na irra jirtiiyyu.
EZE 1:4 Ani ol ilaalee, bubbeen bokkeyaa gara kaabaatiin dhuttuun dhagge; duumensa ciggaa keessaa balaqqeettiin balaqqittee, adaala duumensaa san ifi guddaan ifee, addee balaqqeettiin balaqqitetti wonni takka akka sageettu'uu calalaxxe.
EZE 1:5 Wodhakkaa bubbee bokkeyaa sanitti dada lubbuu qaddu, ta nama fakkaattu afur dhagge;
EZE 1:6 garuu tokko tokkoon isaaniituu fuula afurii fi koola afur qaban.
EZE 1:7 Miilli isaanii sootii, faanti miila isaanii kottee jabbi'ii fakkaatti; akka sageettuu haxowanteelle calalaxxi.
EZE 1:8 Isaan Koola ifii ka gama afuriituu jalatti harka namaa qaban; isaan arfanuu fuula fi koola qaban;
EZE 1:9 koolli isaanii wol dhaqqaba; tokko tokkoon isaaniituu adoo gara hin galin, qajeelanee gara duraa deeman.
EZE 1:10 Dadi lubbuu qaddu tun arfanuu fuula adda addaa afur, gara duraatiin ka fuula namaa fakkaatu, gara middaatiin ka fuula neenqaa fakkaatu, gara bita'aatiin ka fuula qotiyyo'oo fakkaatu, gara duubaatiin ka fuula risa'aa fakkaatu qaban.
EZE 1:11 Fuulli isaanii akkas fakkaata. Koolli isaanii lamaan irii ol diriiree, qaccee koola dada isaanitti aaneeruu tuqa; koollii lamaan hafe ammoo nafa isaanii golla.
EZE 1:12 Tokko tokkoon isaaniituu adoo gara hin galin, gara Ayyaanni Waaqaa isaan qajeelche, qajeelanee gara duraa koolaan ka'anee deemane.
EZE 1:13 Dadi lubbuu qaddu sun bifi isaanii kashila ibidda bobe'uutii fi xassaa bobe'u fakkaata; dada san odduu ibidda asii fi achi tacho'utti jiraayyu; ibiddi sun akka malee ifa; balaqqeettiille ibidda san keessaa baate.
EZE 1:14 Dadi lubbuu qaddu sun akka balaqqeettii banqo'oo asiif achi fiidde.
EZE 1:15 Ani dadi lubbuu qaddu arfan san yennaa ilaale, korboo afur tokko tokkoo isaaniituu biratti lafa irratti dhagge.
EZE 1:16 Bifi korboo arfan saniitii fi akki isaan itti hujamane akka kana fakkaata: Bifi isaanii akka bifa dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa; isaan arfanuu wol fakkaatan. Tokko tokkoon isaaniituu akka korboo wol keessa jirtuutitti hujamaneeran.
EZE 1:17 Isaan yennaa deemanu, adoo asii fi achi gara hin galin, gara dadi lubbuu qaddu deemanu gara arfanittuu deeman.
EZE 1:18 Irgi korboota tanaa dhedheerota sodaachisanu; korbooti sun arfanuu naannoo irga ifii irraa ila qaban.
EZE 1:19 Yennaa dadi lubbuu qabanu sun ideemanu korbooti sunille cinaa isaanii ideeman; yennaa dadi lubbuu qabanu sun lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille ol ka'an.
EZE 1:20 Garuma ayyaanni Waaqaa ideemu dadi lubbuu qabanu sunille deeman; Ayyaanummaan dada lubbuu qabanuu keessa jiru sun korboota san keessalle waan jiruuf, korbooti sunille isaanuma woliin ka'anee deeman.
EZE 1:21 Ayyaanni Waaqaa sun dada lubbuu qabanuu fi korboota san waan qajeelchuuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa ideemanu korbooti sunille isaanuma woliin deeman; yennaa isaan dhaabbatanulle isaanuma woliin dhaabbatan; yennaa isaan lafa irraa ol ka'anulle wolumaan ol ka'an.
EZE 1:22 Mataa dada lubbuu qabanu sanii gubbaa wonni akka dhakaa roobaa calalaqee ila sodaachisu ta gubbaa gombobbittii fakkaattutti diriireeraayyu.
EZE 1:23 Gubbaa gombobbittii saniin jala koolli isaanii lamaan gara woli wolii isaanii diriiree jira. Dadi sun tokko tokkoon isaaniituu koola lama ka nafa ifii ittiin gollatanu qabaniiyyu.
EZE 1:24 Yennaa isaan koolaan ka'anu, shookkessi koola isaanii akka shookkettii galaana gudda'aa, akka shookkettii qoonqoo Waaqa Waan Mara Dande'uu yookiin akka hogaa gumii loltootaa fakkaattu dhage'e; isaan yennaa koolaan ka'iisa lakkisanu, koola ifii gad qabatan.
EZE 1:25 Isaan yennaa koolaan ka'iisa lakkisanee koola ifii gad qabatanelle gubbaa gombobbittii san gubba'aa qoonqoon dhage'ante.
EZE 1:26 Gubbaa gombobbittii san irra wonni barcumaa mootumma'aa ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame fakkaatu tokko jiraayyu; waan akka barcumaa mootumma'aa san gubbaalle waan nama fakkaatu tokkotti jiraayyu.
EZE 1:27 Addee hidha isaa fakkaatu san irraa jalqabee irii ol waan akka sibiila ibidda keessatti finiinee fakkaatu, addee hidha isaa fakkaattu san irraa jalqabee irii gad waan ibidda fakkaatu ka ifi calalaqu cinaa isaa mara jiru tokko dhagge.
EZE 1:28 Ifi cinaa isaa maraa calalaqu sun, akka hiituu yennaa bokkeyaa duumensa keessaa mudhattuu ti. Kun fakkeenna bifa ulfinna Mootii Waan Maraa fakkaataayyu; ani yennaa waan kana dhagge, fuulaan lafatti gad gombifamee, qoonqoo nama dubbatuu dhage'e.
EZE 2:1 Inni anaan, «Ilma namaa! Ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu; anille si woliin hin dubbadha» jedhe.
EZE 2:2 Yennaa inni natti dubbate, Ayyaanni Waaqaa na keessa seenee miila kiyyaan na dhaabbachiisee, natti dubbatuun dhage'e.
EZE 2:3 Inni anaan, «Ilma namaa! Ani gara kolbaa Israa'elii worra finqilaa na irratti finqila kaasee si hin erga; abbootiin isaaniitii fi isaan haga adhaa na irratti cubbuu hujaneeran.
EZE 2:4 Isaan worra morkatuu fi worra mataa jabaatu; tanaaf ani gara isaanii si ergaaraa, ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhiin;
EZE 2:5 isaan worri finqilaan sun yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, raagaan tokko akka odduu isaanii jiru hin beekan.
EZE 2:6 Atille ilma namaa! Isaanii fi jecha isaaniille hin sodaatin; qore'ee fi qumi'uuduu woliin jiraatanulle, makka irra yoo teettelle hin sodaatin. Isaan worra finqilaa waan te'aneef, ati waan isaan siin jedhanu hin sodaatin; isaan si hin rifachiisin.
EZE 2:7 Isaan worra finqilaa waan te'aneef, yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, ati jecha kiyya isaanitti dubbadhu.
EZE 2:8 «Ati ammoo ilma namaa! Waan ani siin jedhu dhage'i! Atille akka worra finqilaa sanii hin te'in; afaan keeti banadhuutii, waan ani sii kennu nyaadhu» jedhe.
EZE 2:9 Ani yennaa ilaale, harki tokko gara kiyya diriiruun dhagge; harka san keessa kitaaba maramaa tokkotti jiraayyu.
EZE 2:10 Harki sun kitaaba maramaa san na duratti diriirse. Kitaab sun duraa fi duuballe'een barreeffama qabaayyu; barreeffam irra jiru sun jecha gaddaa, jecha bowaatii fi wiiccifataa ti.
EZE 3:1 Mootiin Waan Maraa, anaan, «Ilma namaa! Ati waan asitti dhaggite mara nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhuutii, dhaqii kolbaa Israa'eliititti dubbadhu!» jedhe.
EZE 3:2 Maarre ani afaan banadhee, innille kitaaba maramaa kana akka nyaadhu naa kennee,
EZE 3:3 «Ilma namaa! Ati kitaaba maramaa ani sii kennu kana nyaadhuutii, gadhaa keeti guutadhu!» jedhe; achiin duuba anille kitaaba maramaa san nyaadhee, innille afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe.
EZE 3:4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Ilma namaa! Gara kolbaa Israa'elii dhaqiitii jecha kiyya isaanitti dubbadhu.
EZE 3:5 Ati gara kolbaa Israa'elii ergante malee, gara gosa biyya adda addaa hedduu orma ta afaan isaanii hin beekkanne, ta dubbiin isaanii rakkisaa teetee hin erganne;
EZE 3:6 ani gara kolbaa afaan isaanii hin beekkannee, ta dubbiin isaanii rakkisaa teetee, si hin ergine. Dhugumaan, adoo achi si ergee jiraadhee, sila isaan si hin dhage'aniiyyu.
EZE 3:7 Kolbaan Israa'elii ammoo na caqasiisa waan hin fedhiniif, si caqasiisa hin feene. Sababille kolbaan Israa'elii marti mataa jaba'aa fi gadhaa jabaa qaban.
EZE 3:8 Kunoo, ani fuula isaanii duratti fuula keetii fi adda keeti hin jabeessa.
EZE 3:9 Ani adda keeti akka dhakaa jaba'aa, dhakaa-birraalle caalaa jabeessa; isaan worra finqilaa waan te'aneef, isaan hin sodaatin; hin rifatinille'e» jedhe.
EZE 3:10 Ammalle, inni, anaan, «Ilma namaa! Jecha ani sitti dubbadhu mara gurra keetiin dhage'iitii, gadhaa keetitti qabadhu.
EZE 3:11 Gara worra booji'amee, gara kolbaa keetii dhaqiitii, yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhiin» jedhe.
EZE 3:12 Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa ol na fuudhee, duuba kiyyaan, qoonqoon guddoon ta akka lafa tachootuu takka, «Ol-gubbaa keessatti ulfinni Mootii Waan Maraa ka leellifame te'uu ti» jettuun dhage'e.
EZE 3:13 Qoonqoon sun ta koolli dada lubbuu qabanu sanii yennaa wol dhowanu shookkisuutii fi ta korboo cinaa isaanii jirtuu ta akka lafa tachootuu hididdittuu ti.
EZE 3:14 Ayyaanni ol na fuudhee deeme; anille hadheeffataa, aaree bobe'aa achii deeme; irreen Mootii Waan Maraalle na irratti jabaatteertiiyyu.
EZE 3:15 Ani gara worra booji'amee laga Kebaarii bira Tel-Abiib jiranuu dhaqe. Ani akkuma nayee waan godhu wollaaletti, guyyaa torba odduu isaanii ture.
EZE 3:16 Guyyaan torba dabareen duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 3:17 «Ilma namaa! Ani nama kolbaa Israa'elii eegu si godheera; ati yennaa jecha afaan kiyyaa bawu dhageettu mara, waan ani isaan ifi eeggachiise san isaanitti himi.
EZE 3:18 Ani nama cubbaallessaan, ‹Ati dhugumaan hin duuta› jedhuun, ati yoo isa ifii eeggachiisuu dhadde, inni karaa ifii cubbaalessa san irraa deebi'ee jiru'uun akka jiraatu isa ifi eeggachiisiisaaf yoo itti himuu dhadde, nami cubbaalessi sun yakkaa ifiitiin hin du'a; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada.
EZE 3:19 Ati cubbaalessa ifi eeggachiittee inni cubbuu ifii irraa yookiin karaa ifii cubbaalessa san irraa yoo hin deebi'in ammoo yakkaa ifiitiin hin du'a; ati ammoo lubbuu teeti hin baafatta.
EZE 3:20 Ammalle, nami balchaan tokko balchummaa ifii irraa deebi'ee, waan hantuu yoo huje, ani gufuu isa dura keya; innille hin du'a. Atille waan isa ifi hin eeggachiisiniif, inni cubbuu ifiitiin hin du'a; hujiin balchittiin inni qara hujeeruu isaaf hin laakkowantu; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada.
EZE 3:21 Ati ammoo nami balchaan tokko akka cubbuu hin hunye yoo ifi eeggachiitte, innille dhage'ee yoo cubbuu hujuu dhabe, inni ifi eeggachiisa san waan fudhateef, dhugumaan jiru'uun hin jiraata; atille lubbuu teeti baafatteerta» jedhe.
EZE 3:22 Achille'etti irreen Mootii Waan Maraa na irra jirtiiyyu. Inni, anaan, «Ka'ii gara lafa dhooqaa dhaqi; anille achitti sitti hin dubbadha» jedhe.
EZE 3:23 Maarre anille ka'ee gara lafa dhooqaa san dhaqe; kunoo, ulfinni Mootii Waan Maraa ka akka ani laga kebaarii biratti dhaggeeruu sun achi dhaabbateeruun dhagge; anille fuula kiyyaan gad gombifame.
EZE 3:24 Te'uu malee, Ayyaanni Waaqaa na irratti bu'ee miila kiyyaan na dhaabbachiisee, natti dubbatee, «Deemi, gara mana keetii galii, balbala ifitti cufadhu.
EZE 3:25 Ee ilma namaa! Ati akka xaxantee odduu kolba'aatitti gad bawuu hin dandeenne, kunoo, wodaro'oon hin hidhanta.
EZE 3:26 Isaan kolbaa finqiltuu waan te'aneef, akka ati isaan xixuu hin dandeenne, ani arraba keeti laagada'atti hin maxxansa. Duudaa hin teeta.
EZE 3:27 Ani yennaa sitti dubbadhu ammoo afaan keeti hin bana; atille isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› hin jetta. Isaan worra finqilaa waan te'aneef, nami dhage'u, dhage'uu ti; nami dhage'uu didatu lakkisuu ti.
EZE 4:1 «Ilma namaa! Faara loobamaa tokko fuudhii ifi dura keyiitii, qachaa Yerusaalemii irratti qiriixi.
EZE 4:2 Akka loltootaan marfameetitti waan qachaa san marsu itti hujii, kushee dhaka'aa itti ijaari; biyyeelle tuuliitii yaabbannoo itti ijaari. Addee quttumaalle itti naannessii ijaariitii, waan dalleya dhaka'aa ittiin diiganulle itti naannessi.
EZE 4:3 Eelee sibiilaa fuudhiitii wodhakkaa teetii fi qachaa sanii akka dalleya sibiilaatitti keyi; fuula keeti gara qacha'aa deebifadhuutii ila itti baasi. Qachaan sun ka marfame hin te'a; ati qachaa san hin marsita; kunille kolbaa Israa'eliitiif beessisa hin te'a.
EZE 4:4 «Achiin duuba gara cinaacha bita'aatitti irkadhuutii, cubbuu Israa'elii ba'adhu; akka laakkossa guyyaa cinaacha keeti irratti irkateetitti cubbuu isaanii hin ba'atta.
EZE 4:5 Akka laakkossa woggaa Israa'elooti cubbuu hujjaneetitti, guyyoota laakkowee sii hin kenna. Tanaaf, guyyaa dhibba sadii fi sagaltama cubbuu Israa'elootaa hin ba'atta.
EZE 4:6 Yennaa tana fixxe, yennaa lammeesso'oo cinaacha middaa irratti guyyaa afurtama irkattee, cubbuu Yihudootaa hin ba'atta. Cubbuu woggaa tokko tokkootiif, guyyaa tokko tokko akka irkattu ani murteesseera.
EZE 4:7 «Ati fuula keeti gara marfama Yerusaalemii deebifadhuutii, ila itti baasii, harka keeti irraa woyaa caccaffadhuutii, raaga ifi eeggachisiisaa itti dubbadhu.
EZE 4:8 Haga guyyaan marfama keetii sun fixamutti, cinaacha kaan irraa gara cinaacha kaaniititti akka ati gara hin galle ani wodaro'oon si hin hidha.
EZE 4:9 «Qamadii, garbuu, baaqela, misira, mishinqa'aa fi garbuu qoroxo fuudhiitii wolitti makii daabboo huji; guyyaa dhibba sadii fi sagaltama yennaa cinaacha keeti irratti irkatu san isii san hin nyaatta.
EZE 4:10 Sagaleen ati guyyuma guyya'aan nyaattu, gara giraama dhibba lama fi soddoma teetuu ti; isuma tana yennaa murtootte keessatti nyaadhu.
EZE 4:11 Hagi bisaan ati guyyuma guyya'aan untuulle gara wodhakkaa litiri'ii te'uu ti.
EZE 4:12 Faalowa namaa ka goge bobeeffadhuutii, addee nami dhaggutti akka daabboo garbu'uu bilcheeffatutti daabboo san bilcheeffadhuu nyaadhu» jedhe.
EZE 4:13 Mootiin Waan Maraalle, «Akkuma kana kolbaan Israa'elii addee ani isaan itti bittinneessu gosa biyya adda addaa oddu'utti sagalee ifii battii hin nyaatan» jedhe.
EZE 4:14 Achiin duuba anille, «Goottaa Mootii Waan Maraa, hoola! Ani ijjumaa battowee hin beeku. Ijoollummaa tiyyaan jalqabee waan ifiin du'e yookiin waan bineensi ijjeese ani ijjumaa nyaadhee hin beeku; foon battowe afaan kiyya seenee hin beeku» jedhe.
EZE 4:15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kunoo, addee faalowa namaa, dhoqqee loonii bobeeffattee, sagalee akka itti bilcheeffattu hin godha» jedhe.
EZE 4:16 Inni ammalle, anaan, «Ilma namaa! Kunoo, ani sagalee Yerusaalemiif dhikaattu irraa hin kuta. Isaan yaaddo'oon guutamanee, sagalee madaalli'iin nyaataa, bisaan qusataa hin unan.
EZE 4:17 Ani akka isaan sagale'ee fi bisaan dhabanuuf, wol ilaalanee akka isaan rifatanuuf, sababa yakkaa ifiitiif gad deebi'anee akka isaan badanuuf, tana hin godha.
EZE 5:1 «Atille ilma namaa! Shallaagaa qarame fudhadhuutii, akka waan areeda ittiin haadatanuu areedaa fi rifeensa mataa keetii ittiin haadadhu. Achiin duuba rifeensa san madaaliitii gargar qoodi.
EZE 5:2 Guyyaan marfamiisaa yennaa hobba'e, rifeensa san harka sad keessa harka tokko wodhakkaa qachaa faara loobame irratti keyamee san irratti ibiddaan gubi; harka sad keessaa tokko qachaa faara loobame irratti kaachetti naannessii shallaaga'aan kukkuti. Harka sad keessaa tokko qilleensaaf bittinneessi; anille shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a.
EZE 5:3 Rifeensa san irraa diqqaa isaa fuudhiitii qaccee woyaa teetiititti hidhadhu.
EZE 5:4 Ammalle diqqaa isaa fuudhiitii ibidda keessa buusii gubi. Achi keessaa kolbaa Israa'elii maratti ibiddi hin faca'a» jedhe.
EZE 5:5 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Biyya hedduu isi'itti naannessee, ta ani gosa biyya adda addaa wodhakkaa keye, Yerusaalem tana.
EZE 5:6 Isiin gosa biyya adda addaa caalaa waan hantuu hujiisaan ajaja kiyya diddee, biyya naannoo isi'ii jiranu mara caalaa na finqilteerti; ajaja kiyya gatteerti; seerata kiyyalle hin hordofanne» jedha.
EZE 5:7 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Isin worri Yerusaalemii, isin gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranu caalaa seeri malee teetaneertan; ajajaa fi seerata kiyyalle hin eeganne; akka ajaja gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranuutuu hin hujanne» jedha.
EZE 5:8 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, aninuu si irratti hin ka'a; gosi biyya adda addaa marti adoo ilaaluu muraa si irratti hin fida.
EZE 5:9 Sababa hujii diqatantuu ati hujje maraatiif, waan tanaan qara godhee hin beenne, ta gara duraalle hin goone si irratti hin godha.
EZE 5:10 Tanaaf si keessatti, abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii hin nyaatti; ani muraa si irratti hin fida; worra jiru'uun hafe gara mara hin bittinneessa» jedha.
EZE 5:11 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa, dhugumaan jiraata'a! Ati hammeennaa fi waan diqachiisu hujiisaan addee woyyittii tiyya waan batteessiteef, anille marartii malee akka ati salphattu hin godha.
EZE 5:12 Kolbaan teeti harka sad keessaa harki tokko beelaa fi dhukkubaan si keessatti hin dhumatti; harka sad keessaa harki tokko adaala keetitti shallaaga'aan hin dhumatti; harka sad keessaa harka tokko gara mara bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a.
EZE 5:13 «Akka kanaan ani aarii tiyya hin qabbaneeffadha; mufii tiyya isaanitti buusee, gadhaan kiyya gabbi na hin jedha. Yennaa ani mufii tana isaanitti fide, isaanille ani Mootiin Waan Maraa hinaaffa'aan akka dubbadhe hin beekan.
EZE 5:14 Gosa biyya adda addaa oddu'utti, ila worra achiin dabaruu mara duratti si diigee onsee, akka sitti murganu hin tolcha.
EZE 5:15 «Ani yennaa aari'ii fi mufi'iin, xixicha jaba'aan muraa sitti fidu, ati gosa biyya adda addaa mara duratti waan coora'aatii fi murgo'oo, waan dhagganee ifi eegatanuu fi dhagganee bararaqanu hin teetan. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
EZE 5:16 Ta isin ijjeettuu fi ta isin balleessitu beela akka daayaa yennaa isinitti buusu, beela irratti beela yennaa isiniif ede'u, sagalee isin hin dhoogga.
EZE 5:17 Beelaa fi bineensa isinitti ergee, isaan ijoollee teessan hin fixan. Woraanalle isinitti hin fida; dhukkubii fi dhiiga dhangalaasiis odduu teessan hin guutan. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.
EZE 6:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 6:2 «Ilma namaa! Gara gaarota Israa'elii ilaali; raaga isaan irratti dubbadhuutii,
EZE 6:3 ‹Ee, gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, gaarotaa fi koobotaan, dareeraa fi dhooqaan: Kunoo, ani shallaagaa isinitti ergee, addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa.
EZE 6:4 Addeen ciinca'aa teessan marti diigantee hin baddi; addeen ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu marti hin caccaddi; ani namoota keessan ka ijjeefamane waaqota dharaa keessan duratti hin gata.
EZE 6:5 Reeffa worra Israa'elootaa waaqota dharaa ka isaanii duratti hin gonbisa; lafee isaaniille adaala addee ciinca'aa teessanitti hin bittinneessa.
EZE 6:6 Addeen ciinca'aa teessan diigamanee akka onanu, waaqoti dharaa keessan caccabanee akka badanu, addeen ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu akka diigamanu, wonni isin hujjane marti ijjumaa akka baddu, qachooti isin keessa leetanu marti ona hin te'an; addeen waaqonfanna'aa teessan marti hin diigaman.
EZE 6:7 Namooti ijjeefamane odduu teessanitti hin gombifaman; isinille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.
EZE 6:8 «‹Te'uu malee yennaa isin gosa biyya adda addaa odduu bittinnoottanu, isin keessaa worra garii ka shallaagaa jalaa miliqee hafu, lubbu'uun hin hambura.
EZE 6:9 Achiin duuba worri shallaagaa jalaa miliqee hafe kun, naaf addatamummaa dhabiisaan na irraa goranee, waaqota dharaa waaqonfatanee, attam akka na gaddisiisane, gosa biyya adda addaa addee itti booji'amane oddu'utti, na hin qaabatan. Isaan hujii hantuu hujaneef, hujii battii hujane maraafille, ifi hin jibban.
EZE 6:10 Isaan ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan. Waan hantuu tana isaan irratti akka fidu ani akkasumaan hin dubbanne jedha› jedhi» jedhe.
EZE 6:11 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan Israa'elii sababa hujii hantuu battittii hujje maraatiif, shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan waan dhumattuuf, harka dhowaa, miilaan lafa dhidhiitaa, ‹Aanne'e!› jedhii bowi.
EZE 6:12 Worri fagoo jiru dhukkubaan hin dhumata; worri dhikoo jiru shallaaga'aan hin dhumata; worri tana jalaa bayee hafe beelaan hin dhumata; akkanaan ani mufii tiyya jadduu isaan irratti hin baafadha.
EZE 6:13 Isaan keessaa worri qalame odduu waaqota dharaa ka isaanii adaala addee ciinca'aa ta isaaniititti, koobota dhedheertuu mara irratti, gaarota mara irratti, muka bisilee mara jalatti, qilxaa banqaaqaa mara jalatti, addee waaqota dharaa ka ifiitiif kennansa foolee dansaa qabu itti dhikeessane maratti, reeffi isaanii yennaa gombifame, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.
EZE 6:14 Ani harka kiyya isaan irratti diriirsee, addee isaan le'anu mara, lafa isaanii duwwaa godhee, goomolee kibbaa irraa jalqabee haga qachaa Diiblaa ka gara kaabaatitti hin onsa. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e isaan hin beekan» jedhe.
EZE 7:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 7:2 «Ee ilma namaa! Goottaan Mootiin Waan Maraa marroo lafa Israa'eliitiif, ‹Lafa Israa'elii duudii irratti badiin dhikaatteerti.
EZE 7:3 Ee kolbaa Israa'elii! Kunoo, badiin teessan dhikaatteerti; ani aarii tiyya isin irratti hin dhangalaasa; akkuma ideensa keessaniititti isinitti hin mura; battummaa teessan maraaf isin hin adaba.
EZE 7:4 Marroo ideensa keessaniitii fi marroo battummaa odduu teessan jirtuutiif, ani isin hin adaba malee, isin hin hilu yookiin isiniif hin mararu› jedha. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan» jedhe.
EZE 7:5 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Badiin, badii irratti isinitti dhufaarti.
EZE 7:6 Muummeen dhutteerti! Dhutteerti! Isin irratti kaateerti; kunoo, dhutteerti.
EZE 7:7 Ee, isin worra lafa keessa leetanu, badiin teessan dhutteerti; yennaan dhutteerti; guyyaan sun guyyaa raafamaa ti malee, guyyaa gaara irratti firinxiixanuu moti.
EZE 7:8 «Ani ammuma mufii tiyya isin irratti hin dhangalaasa; aarii tiyyalle isin irratti hin baafadha; akka ideensa keessaniititti isinitti hin mura. Hujii battittii teessan maraafille isin hin adaba.
EZE 7:9 Marroo ideensa keessaniitii fi marroo battummaa odduu teessan jirtuutiif, ani isin hin adaba malee, isin hin hilu yookiin isiniif hin mararu. Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa ka adabu akka te'e hin beettan.
EZE 7:10 «Guyyaan sun kunoo ti! Kunoo, dhufeera! Badiin teessan dhutteerti. Hunnaan nama irratti ka'iis guddateera; koorrille bacateera.
EZE 7:11 Hunnaan nama irratti ka'iis guddattee, ulee hammeennaa teeteerti. Isaan keessaa yookiin gumii isaanii keessaa, qabeenna isaanii keessaa, waanuma gatii qabu keessalle'ee ka hafu tokkolle hin jiru.
EZE 7:12 Kunoo yennaan dhutteerti; guyyaan geyeera; mufiin tiyya gumii isaanii mara irratti waan dhufaartuuf, ka bitatu hin firinxiixin; ka gurguratulle hin gaddin.
EZE 7:13 Mudhiin marroo gumii maraa waan hin jijjiiraneef, ka gurguratee fi ka bitate haga jiru'uun jiranu, ka gurgurate lafa gurgurate san deebifatiisaaf hin dande'u. Sababa yakkaa isaaniitiif, isaan keessaa nami lubbuu ifii hamburatuu dande'u tokkolle hin jiru.
EZE 7:14 Mufiin tiyya gumii mara irra waan jirtuuf, tultullaa afuufanee waan mara qopheeffatanulle, nami gara lolaa dhaqu tokkolle hin jiru.
EZE 7:15 «Alaan shallaagaan, keessaan dhukkubaa fi beelatti jira; worri qacha'aan ala jiru shallaaga'aan dhumata; worri qachaa keessaalle dhukkubaa fi beelaan hin dhumata.
EZE 7:16 Isaan keessaa worri miliqee hafe, sababa yakkaa ifiitiif, akka saphaliisa dhooqa keessaa, gaara irraa hin aadaan.
EZE 7:17 Harki marti hin laashowa; jilbi marti hin lelleqa.
EZE 7:18 Woyaa gaddaa hin uffatan; wonni hantuun nami dhaggee bararaqu isaan hin liqinsiti; mataan isaanii hin haadama. Isaan marti hin qaanowan.
EZE 7:19 Isaan meetii ifii karaa irratti hin gatan; worqiin isaaniille akka waan batti'iititti hin laakkowanti. Guyyaa mufii ana Mootii Waan Maraa meeti'ii fi worqiin isaanii isaan baasuu hin dande'anu. Akka isaan yakkaa hujanu waan isaanitti te'aneef, nyaatanee ittiin hin quufanu yookiin gadhaa ifii ittiin hin guutatanu.
EZE 7:20 Isaan seesa ittiin kooranu saniin, waaqota dharaa diqachiisa'aa fi waan battii hujataneeran; tanaaf waan kana mara waan battii isaanitti hin godha.
EZE 7:21 «Seesa isaanii ormi akka saamu, hamaaleyyiin lafa san irraalle akka booji'anu harka isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaanille seesa san hin batteessan.
EZE 7:22 Ani fuula kiyya isaan irraa hin deebifadha; isaanille karra tiyya hin batteessan. Saantuun itti tintee hin batteessiti.
EZE 7:23 «Latti dhiiga dhangalaasiisaan waan guutanteef, qachaalle hunnaan nama irratti ka'iisaan waan guutameef, wodaroo sibiilaa qopheeffadhu.
EZE 7:24 Gosa biyya adda addaa keessaa worra irra caalaa hamaaleyyii fidee, qabeenna mana isaanii akka saamanu hin godha. Koora worra hunnaameyyi'ii hin balleessa; addeen woyyittiin isaanii marti hin battootti.
EZE 7:25 Muddam yennaa dhufu, isaan nageya hin barbaaddan; garuu hin dhaggatanu.
EZE 7:26 Badiin, badii irratti, oduulle, oduu irratti hin dhutti. Isaan raagaa irraa mudhii hin barbaadan; barsiisi seeraa hayyicha irraa, gorsi jaarsolee irraa hin bada.
EZE 7:27 Mootichi hin bowa; qondaalli ijjumaa addii hin kutata; harki kolbaa lafa sanii hin romma. Ani akkuma ideensa isaaniititti isaan hin adaba; akkuma muraa isaaniititti isaanitti hin mura. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan» jedhe.
EZE 8:1 Booji'annee woggaa jayeesso'ootitti, ji'a jayeesso'oo, guyyaa shaneesso'ootitti, jaarsoleen Yihuda'aa na woliin mana kiyya keessa tee'aneeranuun, achitti hunni Goottaa Mootii Waan Maraa natti dhutte.
EZE 8:2 Achiin duuba anille ilaalee, waan nama fakkaatu tokko dhagge; waan hidha isaa fakkaatuun gad waan akka ibiddaatitti jira; waan hidha isaa fakkaatuun ol waan akka sibiila finiinee ifutti jira.
EZE 8:3 Wonni nama fakkaatu sun waan harka namaa fakkaatu gara kiyya diriirsee rifeensa mataa kiyyaa qabe; Ayyaanni ol-gubba'aa fi lafa wodhakka'atti ol na fuudhee, addee fakkiin waaqa dharaa ta hinaaffaa kakkaachu dhaabbattu, gara balbala gara kaabaa ta seensuma badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa, mudhii Waaqaatiin gara Yerusaalemii na geesse.
EZE 8:4 Kunoo, ulfinni Waaqa Israa'elii, ka akka ani dhooqa Kebaariititti mudhi'iin dhaggee achi jiraayyu.
EZE 8:5 Achiin duuba Waaqi anaan, «Ee ilma namaa! Amma ati gara kaabaa ol ilaali!» jedhe; anille gara kaabaa ol ilaalee, seensuma karra gara addee ciinca'aatiin gara kaabaatitti fakkii waaqa dharaa ta hinaaffaa kakkaachu dhagge.
EZE 8:6 Ammalle Waaqi anaan, «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii addee woyyittii tiyya irraa na fageessiisaaf, waan battii guddittii isaan asitti hujiisatti jiranu dhaggitaa? Ammalle battii guddittii tana caaltulle dhaggu'uu jirta» jedhe.
EZE 8:7 Inni gara seensuma badhinna dalleya keessaa na geesse; ani yennaa ilaale, dalleya dhaka'aa irra qowa tokkotti jiraayyu.
EZE 8:8 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Dalleya dhaka'aa kana uri» jedhe; maarre anille yennaa ure seensuma takka dhagge.
EZE 8:9 Ammalle inni anaan, «Gara keessaa seeniitii, battii hantuu isaan asitti hujiisatti jiranu tana ilaali» jedhe.
EZE 8:10 Anille gara keessaa seenee ilaale; naannoo dalleya dhaka'aa san mara irratti wonni akka bineensota gadha'aan lafa irra lowanuutii fi wonni akka bineensota batti'ii marti, wonni akka waaqota dharaa ka Israa'elii marti irratti qiriixamaneeraniiyyu.
EZE 8:11 Jaarsoleen Israa'elii torbaatam fakkii san dura dhaabbataneeraniiyyu; ilmi Shaafaanii Yaazaaniyaalle odduu isaanii dhaabbateeraayyu; tokko tokkoon isaanii girgiraa harkatti qabataneeran; aarri hixaanaa hurrantaan foolee dansaa qabu girgiraa san keessaa ol ka'e.
EZE 8:12 Ammalle Waaqi anaan, «Jaarsoleen Israa'elii tokko tokkoon isaaniituu kolloo fakkii waaqota dharaa ka isaanii keessatti, dukkana keessatti waan isaan hujiisatti jiranu dhaggiteertaa? Isaan, ‹Mootiin Waan Maraa nu hin dhaggu; lafa tana lakkiseera› jedhan» jedhe.
EZE 8:13 Inni ammalle anaan, «Waan battii guddittii tana caaltu akka isaan hujanu ammalle dhaggu'uuf jirta» jedhe.
EZE 8:14 Achiin duuba inni gara seensuma karra dalleya Galma Mootii Waan Maraa ta gara kaabaa na geesse; ani achitti dubartoota teettee waaqa dharaa, ka, «Tamuz» jedhamuuf boottu dhagge.
EZE 8:15 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Waan kana dhaggiteertaa? Waan battii tana caaltulle dhaggu'uu jirta» jedhe.
EZE 8:16 Ammalle inni gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka gara keessaa na geesse; kunoo, namooti gara diddamii shanii seensuma Galma Mootii Waan Maraa, wodhakkaa addee ciinca'aatii fi soro'oo dhaabbatanee, Galma Mootii Waan Maraatitti dudda galanee, gara aduun baatutti fuula galanee, adu'uuf sagadiisatti jiraniiyyu.
EZE 8:17 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Waan kana dhaggiteertaa? Wonni battiin kolbaan Yihuda'aa asitti hujiisatti jirtu tun waan kasoo seetaa? Lafa tana hunnaan nama irratti ka'iisaan guutanee, yennaa mara akka ani aaru godhuu qabanii ree? Kunoo, isaan akka fedhane na arrassan.
EZE 8:18 Tanaaf ani mufi'iin isaan hin adaba; ani isaan hin hilu; isaan hin mararulle'e. Yennaa isaan gara kiyya iyyanelle, isaaniif hin dhage'u» jedhe.
EZE 9:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa qoonqoo ifii ol qabatee, «Worri qachaa balleessiisaaf filantane martinuu, meya woraanaa qabadha'aatii as dhikaadha'a!» jedhee waamuun dhage'e.
EZE 9:2 Namooti jaa tokko tokkoon isaanii meya woraanaa harkatti qabatanee, karaa karra gubba'aa ta gara kaabaatiin dhufane; isaan woliin nami woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru tokko jiraayyu. Namooti jaanuu seenanee addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante bira dhaabbatane.
EZE 9:3 Achiin duuba ulfinni Waaqa Israa'elii, addee qara jiru dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irraa ka'ee, gara gulantaa Galmaa dhaqe; achiin duuba Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya waan woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru san waamee,
EZE 9:4 «Qachaa Yerusaalemii keessa deddeemiitii, adda worra wonni battiin qachaa san keessatti waan hujanteef aadee bowu irratti mallattoo godhi» jedhe.
EZE 9:5 Ammalle adoo ani dhage'uu Mootiin Waan Maraa worra dhibi'iin, «Isinille isa gula deema'aatii qachaa san keessa deddeema'aatii ijjeesa'a. Hin hilina'a yookiin hin mararina'a.
EZE 9:6 Jaarsolee, dargaggeeyyii dhiiraatii fi durraa, ijoollee didiqqo'oo fi dubartii ijjeesa'a. Garuu worra adda ifii irratti mallattoo qabu tokkolle hin tuqina'a. Addee Woyyittii tiyya irraa jalqaba'a» jedhe. Maarre isaan jaarsolee Galma dura jiranuun jalqabane.
EZE 9:7 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Dhaqa'aatii Galma batteessa'a; reeffa badhinna Galmaa san guuta'aatii, achii deema'a» jedhe. Maarre isaan deemanee worra qachaa san keessa jiru ijjeesane.
EZE 9:8 Adoo isaan ijjeesiisatti jiranuu ani qofuu hafee, addaan lafatti gad gombifamee, «Maalo'o, Goottaa, Mootii Waan Maraa! Mufii teeti Yerusaalem irratti dhangalaasiisaan, worra Israa'elii ka baraaree hafe mara balleessaartaa ree?» jedhee iyye.
EZE 9:9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa deebisee, «Yakkaan kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa guddoo bacatteerti; latti worra dhiiga dhangalaasuun guutantee, qachaalle worra haqa dassuun guutameera; isaan, ‹Mootiin Waan Maraa lafa lakkiseera; inni hin dhaggu› jedhan.
EZE 9:10 Maarre ani waan isaan hujane mataa isaaniititti deebisa malee, isaan hin mararu, hin hilulle'e» jedhe.
EZE 9:11 Achiin duuba namichi woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, subba meya waan woy ittiin barreessanu qabu fannifateeru sun deebisee, Mootii Waan Maraatiin, «Waan ati na ajajje mara muummesseera» jedhe.
EZE 10:1 Ani gubbaa gombobbittii mataa dada ol-gubba'aa ta koola qabanuun gubbaa jirtu ol ilaalee, mataa dada ol-gubba'aa ta koola qabanu gubba'aan wonni barcumaa mootumma'aa fakkaatu ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame tokko mudhate.
EZE 10:2 Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruun, «Korboota dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jala jiranu odduu seen; kashila odduu dada ol-gubba'aa ka koola qabu jiru irraa ooboo harka keetii guutadhuu hammaaradhuutii, qachaa irratti bittinneessi» jedhe. Namichille adoo ani dhagguu ol seene.
EZE 10:3 Yennaa namichi ol seene, dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu Galma keessa gara kibbaatiin dhaabbataneeraniiyyu; duumensille badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa guute.
EZE 10:4 Ulfinni Mootii Waan Maraalle dada ol-gubba'aa ka koola qabanu irraa ka'ee gara gulantaa seensuma Galma Waaqaa dhaqe; duumensille Galma Waaqaa guute; Badhinni dalleya keessaalle calalaqa ulfinna Mootii Waan Maraatiin guutame.
EZE 10:5 Huuruun koola dada ol-gubba'aa ka koola qabanuu, akka qoonqoo Waaqi Waan Mara Dande'u yennaa dubbatuu, haga badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti dhageessitte.
EZE 10:6 Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeru saniin, «Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu wodhakkaa korboota oddu'uu ibidda fuudhi» jedhee yennaa ajaje, inni yoosuma gara keessaa seenee korboo san keessaa takkattii bira dhaabbate.
EZE 10:7 Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san keessaa tokkochi harka ifii diriirsee ibidda odduu dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jiru san irraa diqqaa isaa hammaaree, ooboo harka namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruu san keessa keye; namichille ibidda san fudhatee gad baye.
EZE 10:8 Koola dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san jalaan wonni harka namaa fakkaatu tokko mudhate.
EZE 10:9 Anille kunoo, dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san biratti korboota afur dhagge. Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san tokko tokkooyyuu bira korboo tokko tokkotti jiraayyu; bifi korboota saniille akka dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa.
EZE 10:10 Bifi korboota san arfaniituu wol fakkaata; tokko tokkoon isaaniituu akka korboota wol keessa jiranuu ti.
EZE 10:11 Korbooti sun yennaa deemanu, adoo gara hin galin gara dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun deemanu gara arfanuu deeman. Korbooti fuula duraa gara dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu deemanu yennaa deemanu, korbooti tuun adoo gara hin galin korboota fuula duraa gula deeman.
EZE 10:12 Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san nafi isaanii martinuu duddi isaanii, harkii isaanii, koolli isaanii, korbooti isaaniille arfanuu naannoo irga ifii mara irraa ila hedduu qaban.
EZE 10:13 Korbooti sun, «Korboota konkolaattu» jedhantee waammantuun dhage'e.
EZE 10:14 Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun tokko tokkoon isaanii fuula afur qaban; ka qaraa fuula kormaa, ka lammeesso'oo fuula namaa, ka sadeesso'oo fuula neenqaa, ka arfeesso'oo ammoo fuula risa'aa qabaniiyyu.
EZE 10:15 Achiin duuba dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun ol ka'ane; isaan kun dada ol-gubba'aa ka koola qabanu afur ta ani laga kebaarii biratti dhagge san.
EZE 10:16 Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu sun yennaa deemanu, korbootille isaan cinaa deeman; dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu lafa irraa ol ka'iisaaf koola ifii yennaa badhifatanu, korbootille isaan biraa hin goranu.
EZE 10:17 Ayyaanummaan dada lubbuu qabanu keessa jiru sun, korboota san keessalle waan jiruuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa dhaabbatanu korbooti sunille hin dhaabbatan; dadi lubbuu qabanu sun yennaa lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille woliin ol ka'an.
EZE 10:18 Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa gulantaa seensuma Galma Waaqaa irraa ka'ee, addee dadi lubbuu qabanu jiranuun gubbaa dhaabbate.
EZE 10:19 Dadi ol-gubba'aa ka lubbuu qabanulle adoo ani dhagguu, koola ifii badhifatanee lafa irraa ol ka'anee deemane; korbootille cinaa isaanii deemane; isaan seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa, ta gara aduun baatuutitti dhaabbatane; ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu
EZE 10:20 Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu kun ka ani laga Kebaarii biratti Waaqa Israa'elii jalatti dhagge san. Anille akka isaan dada ol-gubba'aa ka koola qabanu te'ane beeke.
EZE 10:21 Tokko tokkoon isaanii fuula afurii fi koola afur qaban; koola isaanii jala wonni harka namaa fakkaatu tokko jiraayyu
EZE 10:22 Fuulli isaanii fuula dada ol-gubba'aa ka koola qabanu ka ani laga Kebaarii biratti dhagge woliin wol fakkaata; tokko tokkoon isaanii qajeelanee gara duraa deemane.
EZE 11:1 Ayyaanni ol na fuudhee, gara seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara aduun baatuu na geesse; achi seensuma karra sanii namooti diddamii shan jiran; odduu isaaniititti sooreyyii kolba'aa ilma Azurii Yaazaaniya'aa fi ilma Benaaya'aa Phelaatiyaa dhagge.
EZE 11:2 Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Namooti kun qachaa kana keessatti worra karoora hamaa baafatuu fi worra gorsa hamaa gorsu.
EZE 11:3 Isaan, ‹Yennaan nuuti mana ijaarru dhikaatteerti; qachaan kun okkote'e; nuutille akka foon okkotee keessa bulfatanuu ti› worra jedhu.
EZE 11:4 Tanaaf, ati raaga isaan irratti raagi; ee, ilma namaa itti raagi!» jedhe.
EZE 11:5 Achiin duuba ayyaanni Mootii Waan Maraa na irratti bu'ee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin kolbaan Israa'elii akkana jettanee yaadattan; waan gara yaada keessanii dhufe san anille beekeera.
EZE 11:6 Isin qachaa kana keessatti nama bacaa ijjeettaneertan. Karaa qachaa kanaa reeffaan guuttaneertan› jedhe.
EZE 11:7 «Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Worri isin ijjeettanee qachaa keessatti gattane foon; qachaan kunille okkote'e; ani ammoo qachaa kana keessaa isin hin baasa.
EZE 11:8 Isin shallaagaa sodaattaneertanii motii? Ani ammoo shallaagaa isinitti hin fida. Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
EZE 11:9 Ani qachaa kana keessaa isin hin baasa; harka ormaalle'etti dabarsee isin kennee, isinitti hin mura.
EZE 11:10 Isin shallaaga'aan hin dhumattan; ani biyyuma teessan keessatti isinitti hin mura. Yennaa san isin ani Mootiin Waan Maraa akka te'e hin beettan.
EZE 11:11 Qachaan kun okkotee isiniif hin te'u; isinille isii keessatti foon hin teetanu; ani biyyuma teessan keessatti isinitti hin mura.
EZE 11:12 Yennaa san isin ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. Isin akka seera gosa biyya adda addaa ta adaala keessaniititti hujjane malee, akka seerata kiyyaatitti hin ideenne; seera kiyyalle'eef hin ajajanne› jedha» jedhe.
EZE 11:13 Ani raaga adoo dubbatiisatti jiruu, ilmi Benaaya'aa Phelaatiyaan du'e; anille fuulaan lafatti gad gombifamee, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa! Worra Israa'el keessatti baraaree hafe maraa ijjumaa fixu'uufii?» jedhe iyye.
EZE 11:14 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 11:15 «Ee ilma namaa! Worri Yerusaalem keessa jiru, obboleeyyan teeti, firoottan keeti, kolbaa Israa'elii maraan, ‹Isaan Mootii Waan Maraa irraa fagaataneeran; latti tun qabeenna keenna akka teetu nu'uuf kennanteerti› jedhan.
EZE 11:16 «Tanaaf ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani isaan kaasee odduu gosa biyya adda addaa, biyya hedduu keessa isaan bittinneessulle, addee isaan dhaqanetti yennaa diqqo'oof addee woyyittii isaaniif te'eera jedha› jedhiin.
EZE 11:17 «Tanaaf ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani gosa biyya adda addaa biyya isaan itti bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, deebisee fidee, lafa Israa'elii deebisee isaaniif hin kenna.
EZE 11:18 Isaan yennaa achi deebi'ane, waan batti'ii fi waan diqachiisaa mara achi keessaa hin balleessan.
EZE 11:19 Ani akka isaan ijjumaa naaf addatamanu gadhaa addatamumma'aa isaaniif hin kenna; qalbii haareyalle isaan keessa hin keya. Gadhaa isaanii ka akka dhaka'aa isaan keessaa baasee, gadhaa isaanii ka foonii isaaniif hin kenna.
EZE 11:20 Achiin duuba isaan ajaja kiyya hin muummessan; seera kiyyalle hin eegatan; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a.
EZE 11:21 Worra gadhaan isaanii waan batti'ii fi waan diqachiisaa gula deemu ammoo ani Goottaan Mootiin Waan Maraa akka hujii isaaniititti isaan hin adaba jedheera› jedhi» jedhe.
EZE 11:22 Achiin duuba dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun koola ifii badhifatane; korbootille cinaa isaanii jiraniiyyu. Ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu.
EZE 11:23 Ulfinni Mootii Waan Maraa qachaa wodhakka'aa ka'ee, gaara qachaa irraa gara aduun baatu jiru gubbaa dhaabbate.
EZE 11:24 Ayyaanni ol na fuudhee, mudhii Ayyaana Waaqaatiin, gara worra booji'amee Baabilon keessa jiruu na geesse; achiin duuba mudhiin ani dhagge sun kaatee na irraa deente.
EZE 11:25 Anille waan Mootiin Waan Maraa natti mudhise mara worra booji'ametti hime.
EZE 12:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 12:2 «Ee ilma namaa! Ati worra finqilaa odduu leeta; isaan worra finqilaa waan te'aneef, ila dhaggitu adoo qabanuu hin dhagganu; gurra dhage'u adoo qabanuu hin dhage'anu.
EZE 12:3 «Tanaaf, ee, ilma namaa! Meya fudhattee baatu qopheeffadhuutii, adoo isaan dhagganuu, guyya'aan akka nama booji'amee deemuutitti, addee jirtuu ka'iitii, gara addee dhibi'ii deemi. Isaan worra finqilaa akka te'ane hin hubatan fa te'a.
EZE 12:4 Akka nama booji'amee deemuu, adoo isaan dhagganuu guyya'aan meya keeti gad baafadhu; adoo isaan dhagganuu akka nama booji'amee deemuu galgalaan bayii deem.
EZE 12:5 Adoo isaan dhagganuu, dhaaba mana keeti ka dhaka'aa uriitii, meya keeti achiin baasi.
EZE 12:6 Adoo isaan dhagganuu meya keeti gurmu'utti kaafadhuutii, dimimmisaan ba'adhuu bayi. Ani Israa'elootaaf, beessisa waan si godheef, lafa akka hin dhaggine fuula keeti golladhuutii, dimimmisaan deemi» anaan jedhe.
EZE 12:7 Anille akkuma ajajame godhe; akka nama booji'amee bayuu galgalaan harkuma kiyyaan dhaaba manaa ka dhaka'aa uree, qowa saniin meya kiyya gad baafadhe; adoo isaan na dhagganuu meya kiyya gurmu'utti ba'adhee dimimmisaan ka'ee deeme.
EZE 12:8 Ganamaan jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 12:9 «Ee ilma namaa! Worri Israa'elii finqilaan sun, ‹Wonni ati hujiisatti jirtu kun maan?› jedhanee si hin gaafannee ree?
EZE 12:10 Ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kun qondaala Yerusaalem keessaatii fi kolbaa Israa'elii worra achi keessa le'u maraaf ergaa dabarte jedha› jedhiin.
EZE 12:11 Ati isaaniin, ‹Ani isiniif beessisa. Akkuma ani godhe kana isin irralle'etti hin godhanti. Isin booji'antanee hin ideentan› jedhiin.
EZE 12:12 Qondaalli odduu isaanii jiru meya ifii gurmu'utti ba'atee, dimimmisaan hin baya. Isaan akka inni urata san keessaan bayu dhaaba manaa ka dhaka'aa isaaf hin uran. Inni lafa akka hin dhaggine fuula ifii hin gollata.
EZE 12:13 Ani ammoo caccoo tiyya itti afee inni tiyyoo tiyyaan hin qabama. Ani gara qachaa Baabilonii ka lafa Kaldootaa isa geessa; garuu inni adoo qachaa san hin dhaggin achitti hin du'a.
EZE 12:14 Ani Tajaajiltoota isaatii fi loltoota isaa ka adaala isaa jiranu mara gara mara hin bittinneessa; ani shallaagaa buqqifadhee duubaan isaan hin ari'a.
EZE 12:15 «Yennaa ani gosa biyya adda addaatii fi biyya hedduu keessa isaan bittinneesse, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 12:16 Te'uu malee, addee dhaqanetti waan diqachiisaa hujane mara odduu gosa biyya adda addaatitti akka dhugaa bayanu, anille Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanu, ani isaan keessaa worra diqqaa shallaagaa, beelaa fi dhukkuba jalaa akka miliqanu hin godha» jedhe.
EZE 12:17 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 12:18 «Ee ilma namaa! Sheephisaa sagalee teeti nyaadhu; hollataa sodaataa bisaan keeti uni.
EZE 12:19 Kolbaa lafa tanaatiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Sababa hunnaan nama irratti ka'iisa worra isii keessa le'u maraatiin latti waan ontuuf, lafa Israa'elii worri Yerusaalem keessa le'u, sagalee ifii yaaddowaa hin nyaatan; bisaanille bararaqaa hin unan.
EZE 12:20 Qachooti nami keessa jiru hin diigaman; lattille ona hin teeti; yennaa san isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan jedha› jedhi» jedhe.
EZE 12:21 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 12:22 «Ee ilma namaa! Jechi isin marroo lafa Israa'eliitiif, ‹Barri achi dheerateera; mudhiin takkaalle hin muummottu› jettanu kun maan inni?
EZE 12:23 Tanaaf ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Jechi kun akka hafu hin godha; isaan Israa'el keessatti haganaa achi akka fakkeennaatitti hin dubbatanu jedha› jedhiin; ati ammoo isaaniin, ‹Kunoo barri mudhiin marti muummottu dhikaateera› jedhiin.
EZE 12:24 Haganaa achi mudhiin dharaa yookiin moruun sossobiisaa kolbaa Israa'elii keessa hin jiraattu.
EZE 12:25 Ani Mootii Waan Maraa waan te'eef, jecha dubbadhu hin dubbadha; jechi ani dubbadhe sunille dafee hin muummowa. Ee, isin worra finqilaa, waan dubbadhe maraa baruma keessan keessatti hin muummessa; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.
EZE 12:26 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 12:27 «Ee ilma namaa! Kunoo, kolbaan Israa'elii, ‹Mudhiin inni dhaggu ta bara dheera'aan duuba teetu; raagi inni dubbatulle ka bara dheera'aan duuba te'u› jetti.
EZE 12:28 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Wonni ani dubbadhe marti hin teeti malee, haganaa achi hin turtu; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera jedha› jedhiin» jedhe.
EZE 13:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 13:2 «Ee ilma namaa! Raagota Israa'elii worra raaga raagiisatti jiranu irratti raaga dubbadhu; worra yaaduma ifii keessaa raaga dubbatanuun, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin.
EZE 13:3 Mootiin Waan Maraa, raagota gowwoolee worra adoo waan tokkolle hin dhaggin, yaada ifii hordofee raaga dubbatuuf aanne'e.
EZE 13:4 Ee, kolbaa Israa'elii, raagoti teessan akka jeedala odduu bututa qacha'aa leetuu ti.
EZE 13:5 Guyyaa Mootiin Waan Maraa, lola te'u irraa hafee dhaabbachuu akka dande'u, gara dalleya cabee ol hin baane yookiin kolbaa Israa'eliitiif dalleya deebittanee hin ijaarre.
EZE 13:6 Isaan mudhii sobaa dhagganeeran; moruu dharaalle moriisatti jiran. Mootiin Waan Maraa adoo isaan hin ergin, isaan, ‹Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhaa, jecha isaanii akka inni muummessu eegatan.
EZE 13:7 Isin adoo Ani Mootiin Waan Maraa hin dubbatin, ‹Mootiin Waan Maraa akkana jedha› yennaa jettanu, isin worra mudhii sobaa dhaggee fi moruu dharaa moree motii ree?» jedhe.
EZE 13:8 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Dhara waan dubbattaneef, mudhii sobaalle waan dhaggitaneef, ani isinitti hin ka'a. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
EZE 13:9 Harki kiyya raagota Mudhii sobaa dhagganuu fi moruu dharaa moranu irratti ka'eera. Isaan wolde'a kolbaa tiyyaa keessatti hin dhaggamanu; galmee kolbaa Israa'elii keessalle'etti hin barreeffamanu; lafa Israa'eliille'etti hin galanu; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.
EZE 13:10 Isaan nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhaa kolbaa tiyya dokonkorsan; yennaa kolbaan dalleya dhaka'aa laafaa ijaarrattu, raagoti tun dalleya san jabaa fakkeessiisaaf halluu adii diban.
EZE 13:11 Tanaaf, worra halluu adii dibu saniin, ‹Bokkeenni baradaan hin dhufa; dhakaan bokkeyaa guddaan gad hin bu'a; bubbeen bokkeyaa hin bubbitti; dalleenni sunille hin jiga› jedhiin.
EZE 13:12 Dalleenni dhaka'aa sun yennaa jige, ‹Halluun adiin isin itti dibattane sun meerree?› jedhanee isin hin gaafatanuu ree?» jedha.
EZE 13:13 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Dalleenni sun jigee akka baduuf, ani mufii tiyyaan bubbee bokkeyaa hin erga; aarii tiyyaan bokkeya baradaa hin buusa; mufii tiyyaan dhakaa bokkeyaa guddaa hin roobisiisa.
EZE 13:14 Dalleya dhaka'aa ka isin halluu adii itti dibattane san hin jissa; haga hundeen isaa mudhattutti lafatti isa gad dhowa; yennaa dalleenni sun jigu isinille keessatti hin dhumattan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.
EZE 13:15 Ani mufii tiyya dalleya sanii fi worra dalleya san halluu adii dibe irratti aarii tiyya hin baafadha; achiin duuba ani isiniin: dalleenni sunii fi worri dalleya san halluu adii dibe sun hin jiranu;
EZE 13:16 raagoti Israa'elii worri marroo Yerusaalemii raage, nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhanee, mudhii nageyaa worri dhagge hin jiranu; tana ana Mootii Waan Maraatitti dubbate.
EZE 13:17 «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara dubartoota kolbaa teetii worra qalbii ifii keessaa fuudhee raaga raaguu deebifadhu. Isaan irratti raagiitii,
EZE 13:18 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Lubbuu kolbaa tiyyaa adansiisaaf, dubartoota xanoo ifiitiif harka ifii mara irratti qudhaama hodhatanee, akka mataa nama adda addaatiif te'utti marata mata'aa qopheessanuuf aanne'e! Isin lubbuu kolbaa tiyyaa qaddanee, lubbuu teessan hamburattanii ree?
EZE 13:19 Isin garbuu ooboo takka'aatii fi daabboo baqaqa tokkoof jettanee, kolbaa tiyya worra soba isin dubbattanu dhage'anutti soba dubbatiisaan, namoota du'uuf hin malle ijjeettanee, namoota jiraatu'uuf hin malle akka jiraatanu gootanee, kolbaa tiyya oddu'utti maqaa kiyya batteessitane› jedha» jedhi.
EZE 13:20 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani qudhaama isin lubbuu akka simbirre'ee ittiin adansitanu san irratti ka'ee, harka keessan irraa cicciree, kolbaa isin akka simbirre'ee adansitanu san bilisa hin baasa.
EZE 13:21 Marata mata'aa san irraa cicciree kolbaa tiyya harka keessan jalaa hin baasa; haganaa achi isaan harka keessan jala hin galanu; isinille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.
EZE 13:22 «Worra balchaa ani addii hin kutachiisin, isin dharaan addii kutachiittanee, worri hamaan jiru'uun jiraatiisaaf cubbuu irraa akka hin deebine jajjabeessitaneertan.
EZE 13:23 Tanaaf, haganaa achi isin mudhii dharaa hin dhaggitanu; moruulle hin mortanu; ani kolbaa tiyya harka keessan keessaa hin baasa; yennaa san ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan» jedha.
EZE 14:1 Jaarsoleen kolbaa Israa'elii gariin gara kiyya dhufanee, fuula kiyya dura tee'ane.
EZE 14:2 Jechi Mootii Waan Maraalle gara kiyya dhufee,
EZE 14:3 «Ee ilma namaa! Jarri tun qalbii ifii waaqota dharaatiif kennaneeran; yakki isaanii akka isaan duratti gufuu te'u godhaneeran. Maarre ani akka isaan waan tokko na gaafatanu godhuu qabaa ree?
EZE 14:4 Tanaaf, ati isaanitti dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa nami qalbii ifii waaqota dharaatiif kenneeru, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa akka bacinna waaqota dharaa isaatitti deebii isaaf hin kenna.
EZE 14:5 Isaan martinuu karaa waaqota dharaa ka ifiitiin na lakkisaneeran; ani qalbii kolbaa Israa'elii mara gara kiyya deebifatiisaaf tana godha› jedha.
EZE 14:6 «Tanaaf, ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Cubbuu teessan irraa deebi'a'aatii, waaqota dharaa keessan lakkisa'a! Hujii teessan battii san mara irraa deebi'a'a!
EZE 14:7 « ‹Kolbaa Israa'elii mara keessaa yookiin worra ormaa ka odduu isaanii jiru mara keessaa nami tokko waaqota dharaatiif qalbii ifii kenniisaan, ka yakki gufuu itti te'eeru tokko, karaa raagichaatiin waan tokko na gaafatiisaaf gara raagichaa yoo dhufe, ani Mootiin Waan Maraa ifumaaf deebii isaaf hin kenna.
EZE 14:8 Ani nama sanitti fuula hin hammaadha; nama ittiin mammaakanu isa hin godha; kolbaa tiyya keessalle'ee isa hin baasa; isinille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.
EZE 14:9 « ‹Raagichi sun sobamee raaga yoo dubbate, ka raagicha san sobe ana Mootii Waan Maraa ti; ani harka kiyya isa irratti diriirsee, kolbaa tiyya Israa'el keessaa isa hin balleessa.
EZE 14:10 Raagichi akkuma namicha woy isa gaafatiisa dhufee san yakkaamessa hin te'a; isaan lamaanuu woluma qixxee hin adabaman.
EZE 14:11 Kolbaan Israa'elii haganaa achi ana irraa hin gortu; yakkaa ifii maralle'een deebitee ifi hin batteessitu; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a jedha; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera› jedhi» jedhe.
EZE 14:12 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 14:13 «Ee ilma namaa! Biyyi takka addatamuu dhabiisaan cubbuu na irratti yoo hujje, ani harka kiyya isii irratti diriirsee, sagalee irraa kutee beela itti hin buusa; namaa fi horiille isii irraa hin balleessa.
EZE 14:14 Dhiirti sadiin tun Nohi, Daani'elii fi Iyoob fa'a isii keessa adoo jiraatanelle'ee balchummaa ifiitiin lubbuu ifii qofa baafatan; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
EZE 14:15 «Ani biyya san keessa bineensa hamaa ergee, bineensi sun ijoollee fixee, sababa bineensa hamaa sanii nami tokkolle isii keessa dabaruu dhabee, biyyi sun yoo onte,
EZE 14:16 dhiirti sadiin sun isii keessa adoo jiraattelle'ee, ani jiraata'a! Isaan lubbuu ifii qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; lattille ona hin teeti. Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
EZE 14:17 «Yookiin ani biyya sanitti shallaagaa fidee, namaa fi bineensalle shallaaga'aan biyya san irraa yoo fixe,
EZE 14:18 dhiirti sadiin sun biyya san keessa adoo jiraattelle'ee, ani jiraata'a! Isaan ifi qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
EZE 14:19 «Yookiin biyya sanitti dhukkuba buusee, mufii tiyya itti dhangalaasiisaan ijjeesee namaa fi bineensa isii irraa yoo fixe,
EZE 14:20 Nohi, Daani'elii fi Iyoobille isii keessa adoo jiraatanelle'ee, balchummaa ifiitiin lubbuma ifii qofa baafatan malee, ijoollee ifii ta dhiiraatii fi ta durraa baafatuu hin dande'anu; Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera.
EZE 14:21 «Goottaan Mootiin Waan Maraa: Namaa fi bineensalle isii irraa balleessiisaaf, shallaagaa, beela, bineensa hama'aa fi dhukkuba muraa tiyya hantuu arfan tana Yerusaalem irratti yennaa fidu attam attam irra caalaa hantu'u ree!
EZE 14:22 Te'uu malee, kunoo, worri jiru'uun Yerusaalem keessatti hafanu ijoolleen dhiiraatii fi durraa hin jiran; yennaa isaan gara keessan dhufanu, isin akka isaan itti le'anuu fi hujiin isaanii hantuu akka teete yennaa dhaggitane, balaa ani Yerusaalem irratti fide, waan hantuu ani isii irratti godhe mara irraa hin jajjabaattan.
EZE 14:23 Isin akka isaan itti le'anuu fi hujiin isaanii hantuu akka teete yennaa dhaggitane hin jajjabaattan; wonni ani achi keessatti godhe martille sababa malee akka hin te'in hin beettan. Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbateera» jedhe.
EZE 15:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 15:2 «Ee ilma namaa! Muki woyni'ii muka dhibii, dameeleen isaa dameelee mukoota badda'aa attamiin caala?
EZE 15:3 Waan tokko ittiin hujiisaaf muki muka woyni'ii irraa muramee beekaa ree? Nami meya tokko itti fannifatiisaaf hookkoo isa irraa muratee beekaa?
EZE 15:4 Akka qoraanii ibiddatti naqameen duuba, ibiddi qaccee isaa lamaanuu gubee fixee, wodhakkaa isaalle yennaa xaa'ileesse, muki woyni'ii sun waan tokko ittiin hujiisaaf bu'aa hin qabaa ree?
EZE 15:5 Kunoo, adoo hin gubatinuu muki woyni'ii sun womaa bu'aa hin qabu. Ibiddi gubee yennaa xaa'ileesse fa'a irra caala'aayyuu ka bu'aa hin qanne te'a.
EZE 15:6 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani akkuma mukoota badda'aa keessaa, muka woyni'ii qoraaniif tolche, kolbaa Yerusaalemiille akkasuma hin tolcha.
EZE 15:7 Ani isaan loliisaaf fuula kiyya gara isaanii hin deebifadha. Isaan ibidda jalaa miliqanulle ibiddumatti isaan fixa; yennaa ani isaan loliisaaf fuula kiyya gara isaanii deebifadhu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan.
EZE 15:8 Waan isaan naaf addatamuu diddaneef, anille lafa isaanii hin onsa› jedhee Mootiin Waan Maraa dubbateera» jedhe.
EZE 16:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 16:2 «Ee ilma namaa! Hujii isi'ii battittii Yerusaalemitti himi;
EZE 16:3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, Yerusaalemiin, ‹Hundee teetiin, dhaloota keetiin ati nama lafa Kana'aanii ti; abbaan keeti nama Amoorotaa ti; haati teetille worra Heetotaa ti.
EZE 16:4 Ati gaafa dhalatte hin handhuranne; akka qulqulloottuufille bisaaniin hin dhiqanne; sooddalle'een hin sukkuumanne; woyaalle'een hin maranne.
EZE 16:5 Ati gaafa dhalatte san waan jibbatanteef, diidatti gatante malee, nami ila mararti'iitiin si ilaalee, waan kana keessaa tokkumalle ka si'iif godhe hin jiru.
EZE 16:6 « ‹Ani yennaa achiin dabaru ati dhiiga keeti keessa irkattee dhidhiitattuun si dhaggee, ati dhiiga keeti san keessa adoo jirtuu: Jiraadhu! Siin jedhe.
EZE 16:7 Ani akka lattuu diida keessaa si guddise. Ati guddattee dheerattee, durra geettuu dansittii teete; harmi keetille guntutee, rifeensi mataa keetiille guddateera; garuu ati qullaa akkuma gadhaa haadha teetii keessaa baateen jirta.
EZE 16:8 « ‹Ani ammalle yennaa achiin dabaru, kunoo ati intala kadhatamuu geette akka teete si dhaggee, si fuudhiisaaf woyaa tiyya sitti uffisee nafa keeti qullaa san gollee, ani si'iif kakadhee, si woliin gondooroo godhadheera: ati tiyya teeteerta jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 16:9 « ‹Achiin duuba ani bisaaniin si dhiqee, dhiiga keeti irraa si qulqulleessee, zayitii ejersaalle si dibe.
EZE 16:10 Akkasuma woyaa nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowante sitti uffisee, kophee gogaa dansaa irraa hujante sitti keyee, woyaa quncee talba'aa dansa'aa fi haarrii irraa hujantelle sitti uffise.
EZE 16:11 Faayaan si seesee, irmuura sitti keyee, morma keetitti dirata dire.
EZE 16:12 Funnaan keetille'etti qubee, gurra keetille'etti qubee gurraa, mataa keetille'etti kallacha dansaa keye.
EZE 16:13 Ati worqi'ii fi meeti'iin akkas seefante; woyaan teeti ta quncee talba'aa dansaa irraa hujantee fi ta haarri'iin nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowante. Ati bullaa dansa'aa fi damma, zayitii ejersaalle nyaatte; akka malee shaggittii teetee giittii te'iisaaf kaate.
EZE 16:14 Arnyi ani sii kenne shaggummaa teeti guutuu waan godheef, shaggummaa teetiin gurri keeti gosa biyya adda addaa oddu'utti beekkame jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 16:15 « ‹Ati ammoo shaggummaa teetitti addattee, sababa gurra keetiitiin nama karaa san dabaru mara woliin sagaagalte. Shaggummaan teeti ta nama karaa deemu maraa teete.
EZE 16:16 Ati woyaa teeti keessaa garii fuutee, galma addee waaqonfanna'aa ka ittiin sagaagaltu seefatte. Wonni akkasii kun tanaan dura ijjumaa te'ee hin beeku; gara duraalle ijjumaa te'iisaaf hin malle.
EZE 16:17 Ati dooqa dansaa keeti ka worqi'ii fi meetii tiyya irraa hujame ka ani sii kenne sanille fuutee, waaqota dharaa ka fakkii dhiiraa hujattee isaan woliin sagaagalte.
EZE 16:18 Ati woyaa teeti ta nama hujii harkaa beekuun kuulantee dhowantelle isaanitti uffisiisaaf fuutee, zayitii ejersaa tiyyaa fi hixaana kiyya isaan dura keette.
EZE 16:19 Ammalle akka ati nyaattuuf sagalee ani sii kenne, bullaa qamadi'ii dansaa, zayitii ejersaatii fi damma, kennansa foolee dansaa qabu gootee isaan dura keette; wonni akkasii kun te'eera jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 16:20 « ‹Sagaagalummaan teeti akka malee sitti diqqaannaan, ijoollee dhiiraatii fi ta durraa ta anaaf deettelle fuutee, akka nyaatamanuuf, waaqota dharaa keetiif ciincessitee,
EZE 16:21 ijoollee tiyya qaltee waaqota dharaa keetiif ciincaa dhikeessitee ree?
EZE 16:22 Hujii teeti ta battumma'aatii fi ta sagaagalumma'aa tana maraan, bara dargaggummaa teetii ta qullaa teeti akka gadhaa haadha teetii keessaa baatetti dhiiga keessa irkattee dhidhiitattu san hin qaabanne.
EZE 16:23 « ‹Aanne'e, si'iif Aanne'e!› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa; waan hantuu tana mara gooteen duuba,
EZE 16:24 ati addee waaqonfanna'aa ifiif ijaarrattee, badhinna qachaa keessaa mara keessatti addee waaqonfanna'aa ifiif qopheeffatte.
EZE 16:25 Qaccee kara'aa maratti addee waaqonfanna'aa teeti ijaartee, shaggummaa teeti batteessitee, worra karaa san dabaru maraaf ifi kennitee, sagaagalummaa teeti baceessite.
EZE 16:26 Ati aari'itti na kakkaasiisaaf, worra ollaa keetii ka halchaa sagaagalaatiin guutamane, worra Gibxi'ii wolille'een sagaagalte.
EZE 16:27 Kunoo, tanaaf, ani si adabiisaaf harka kiyya diriirsee, diinota keeti worra joljolaa, ijoollee durraa ta Filisxeemotaa ta sababa hujii teeti ta sagaagalaatiin qaaneffatanetti dabarsee si kenneera.
EZE 16:28 Ati waan hin quufiniif, worra Asoorii wolille'een sagaagalte; isaan wolille'een adoo sagaagaltuu haga ammaa sagaagala quufuu hin dandeenne.
EZE 16:29 Ati lafa daldaltootaa worra Kaldootaa wolille'een sagaagala keeti baceessite; ati worra kana wolille'een sagaagala quufuu hin dandeenne.
EZE 16:30 «Ati akka dubartii sagaagaltittii hin qaaneffannee, tana mara yennaa gootu yaadi keeti attam attam dadhaba'a ree? Jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 16:31 Ati qaccee kara'aa maratti addee waaqonfanna'aa teeti ijaarrattee, badhinna qachaa keessaa maratti addee waaqonfanna'aa teeti qopheeffatteerta. Garuu ati akkuma dubartii sagaagaltittii takkaa, kaffaltii fuudhuu hin barbaanne.
EZE 16:32 Ati akka niitii gaarayyeeffattuu abbaa manaa ifii caalaa alagaa halchituu ti.
EZE 16:33 Dhiirti dubartoota sagaagaltoota maraaf beesee kenniti; ati ammoo akka isaan karaa maraa dhufanee si woliin sagaagalanu, gaarayyoota teetiif beesee safu'uu isaaniif kennita.
EZE 16:34 Maarre ati sagaagala keetiin dubartoota dhibii irraa adda teeteerta; nami sagaagaluu barbaadu ka si gula deemee si sossobatu hin jiru; ati ka si woliin sagaagaluuf beesee kennitaaf malee, ka beesee si'iif kennu hin jiru; tanaaf ati dubartoota dhibii irraa adda.
EZE 16:35 «Tanaaf, ee, sagaagaltitti'i, jecha Mootii Waan Maraa dhage'i!
EZE 16:36 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Halchaa sagaagalaatiin gubattee, worra si jaalatu woliin adoo sagaagaltuu nafa keeti qullaa waan mudhitteef, waaqota dharaa keeti diqachiisaa san maraaf dhiiga ijoollee teetii ciincaa waan dhikeessiteef,
EZE 16:37 tanaaf ani kunoo gaarayyoota teeti worra ati woliin gammaddu mara, ka ati jaalattee fi ka ati jibbitelle adaala maraa wolitti qabee nafa qullaa keeti akka isaan dhagganuuf, woyaa sirraa mulqee isaan duratti qullaa si hambura.
EZE 16:38 Ani muraa dubartoota gaarayyeeffatootaa fi dubartoota nama ijjeettetti mure, si'itti hin mura; ani hinaaffaa tiyyaa fi mufii tiyyaan du'aan si hin adaba.
EZE 16:39 Ani harka worra si jaalatuu sanitti dabarsee si kennee, isaanille addee waaqonfanna'aa teetii addee ati waaqota dharaa itti waaqonfattu diigee hin balleessa; woyaa teetii fi dooqa keeti mara si irraa mulqanee, qullaa si hin hamburan.
EZE 16:40 « ‹Isaan gumii dhaka'aan si tumanu sitti hin kakkaasan; isaan shallaagaa ifiitiin si hin kukkutan.
EZE 16:41 Isaan mana keeti mara ibiddaan hin guban; gumii dubartootaa duratti sitti hin muran; ani akka ati sagaagalummaa lakkittu si hin godha; haganaa achi worra si jaalatuuf gatii hin kaffaltu.
EZE 16:42 Achiin duuba aariin tiyya baatee, ani si hinaafiisa hin lakkisa. Ani hin cadhisa; deebi'eelle hin aaru.
EZE 16:43 Ati hujii diqachiittuu hujje tana maraan na aarsitee, waan ani yennaa dargaggummaa teetii sii godhe waan hin qaabatiniif, ani gatii cubbuu teetii mara sii kaffaleera. Ati battummaa teeti mara irratti sagaagalummaalle hin dabalannee ree?› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 16:44 «Ee, Yerusaalem! Kunoo nami mammaaku marti: Intaltille akkuma haadhaa ti jedhaa si'iin hin mammaaka.
EZE 16:45 Ati intala akka haadha teeti ta abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifii diqattee ti; ati akka obboleeyyan teeti durraa, ta abbaa manaa ifiitii fi ijoollee ifii diqatanee ti; haati teessan intala worra Heetotaa ti; Abbaan keessanille nama worra Amoorotaa ti.
EZE 16:46 «Obboleettiin teeti angafittiin, ijoollee ifii ta durraa woliin si irraa gara kaabaa jirtu, Samaariya'a; obboleettiin teeti maandhittiin, ta ijoollee ifii ta durraa woliin si irraa gara kibbaa jirtu, Sodoom.
EZE 16:47 Atille karaa isaanii hordofattee hujii isaanii diqachiittuu san hujiisa qofa adoo hin te'in, yennaa gabaadduu keessatti karaa keeti maraan isaan caalaa waan badduu hujje.
EZE 16:48 «Ani dhugumaan jiraata'a! Obboleettiin teeti Sodoomii fi ijoolleen isi'ii ta durraa, akka atii fi ijoolleen teeti ta durraa hujjane hin hunye, jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 16:49 Yakki obboleettii teeti Sodoomii kana: isi'ii fi ijoolleen isi'ii ta durraa hin kooran; sagalee bacaa, qananummaalle adoo qabanuu, worra rakkata'aa fi worra hiyyeeyyii hin qarqaarre.
EZE 16:50 Isaan ifi jajanee, waan na diqachiisu mara fuula kiyya duratti hujane. Maarre ani yennaa waan kana dhagge, isaan achii balleesse.
EZE 16:51 «Samaariyaan gamisa cubbuu ati hujjeeyyuu hin hunye. Ati isaan caalaa waan diqachiittuu waan hujjeef, waan diqachiittuu hujje kana maraan isaan balchoolee fakkeessite.
EZE 16:52 Tanaaf ati isaan caalaa waan diqachiisu hujjee, cubbuu teetiin akka isaan balchoolee fakkaatanu waan gooteef, salphinna uffadhu! Cubbuun ati hujje guddoo ka diqachiittu waan teeteef, isaan si caalaa balchoolee fakkaataneeran. Maarre obboleeyyan teeti ta durraa akka isaan balchoolee fakkaatanu waan gooteef, qaaneffadhuutii, salphinna keeti uffadhu.
EZE 16:53 «Te'uu malee, ani boojuu qananummaa sodoomiitii fi ta ijoollee isi'ii ta durraa, qananummaa Samaariya'aatii fi ta ijoollee isi'ii ta durraa yennaa deebisu qananummaa teetille ta isaanii woliin hin deebisa.
EZE 16:54 Ati waan goote kana maraan cubbu'utti waan isaan jajjabeessiteef, salphinna keeti hin uffatta; hin qaanottalle'e.
EZE 16:55 Obboleettiin teeti Sodoom ijoollee ifii ta durraa woliin akka duriititti hin deebi'an; Samaariyaalle ijoollee ifii ta durraa woliin akka duriititti hin deebi'an; atii fi ijoolleen teeti ta durraalle akka duriititti hin deebitan.
EZE 16:56 Ati bara ifi jajju san obboleettii teeti Sodoom maqumaayyuu hin dhoonne.
EZE 16:57 Ati adoo hammeenni keeti hin mudhatiniin dura tana gootee motii ree? Amma ammoo atille ijoollee durraa ta Edoomiitii fi worra adaala isi'ii maraaf, ijoollee durraa ta Filisxeemotaatii fi worra adaala isi'ii maraaf waan murgo'oo teeteerta.
EZE 16:58 Ati gatii sagaagalummaa teetiitii fi hujii diqachiittuu teetii ta akka dubartii sagaagaltitti'ii san fudhadhu, jedha Mootiin Waan Maraa.
EZE 16:59 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati Gondooroo diigiisaan, kakuu tiyya waan tuffatteef, akkuma hujii teetiititti gatii si'ii hin kenna;
EZE 16:60 te'uu malee, Gondooroo tiyya ta bara dargaggummaa teetii woliin gondooradhe hin dedhu; Gondooroo haga bara baraa si'iif hin godha.
EZE 16:61 Gondooroo si woliin godhadheef, adoo hin te'in, obboleeyyan teeti ta durraa angafitti'ii fi maandhittii akka isaan ijoollee teeti ta durraa isi'iif te'anu yennaa ani si'iif kennu, ati hujii teeti ta durii yaadattee hin qaaneffatta.
EZE 16:62 Ani Gondooroo si woliin hin gondooradha; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta;
EZE 16:63 Ani waan ati hujje maraaf yennaa si'iif araarame, ati hujii teeti qaabattee waan qaaneffattuuf, sababa salphinna keetiitiif, deebitee afaan keeti hin seeqattu› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 17:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 17:2 «Ee ilma namaa! Ati hiibboo hiibbifadhuutii, kolbaa Israa'eliititti mammaassaan dubbadhu;
EZE 17:3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Risaan guddaan ka koola gudda'aa fi baala dhedheeraa dansaa bifa adda addaa qabu tokko gara gaara Libaanonii dhufee, qaccee hindheensaa qabate.
EZE 17:4 Inni qaccee san irraa kutee, lafa daldaltootaatitti geessee, qachaa daldaltootaa keessa keye.
EZE 17:5 Achiin duuba inni lafa Israa'elii keessaa sanyii fuudhee, lafa dansaa, addee bisaan guddaan jiru biratti akka muka laga qarqaraa tokkootitti dhaabe.
EZE 17:6 Sanyiin yennaa latte muka woyni'ii gabaabaa banqaaqaa teete. Dameen isaalle garuma isaa deebite; hiddi isaalle isuma jalatti hafe; maarre inni muka woyni'ii te'ee dameelee baca'aa fi baala bacaa yaafate.
EZE 17:7 « ‹Ammalle risaan guddaan dhibiin ka koola gugurda'aa fi baala bacaa qabu dhufe; kunoo, muki woyni'ii sun akka inni bisaan isa obaasuuf, addee itti dhaabame sanii dameele'ee fi hidda ifii gara risaa sanii diriirfate.
EZE 17:8 Muki woyni'ii sun dameelee hedduu baasee midhaan akka buusu, muka woyni'ii dansaalle akka te'uuf, lafa dansaa irratti addee bisaan guddaan jiru biratti dhaabbameeraayyu› jedha.
EZE 17:9 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Muki woyni'ii kun hin oshobaa ree? Hiddi isaa buqqifamee, midhaan isaa irraa harcaafamee, dameeleen isaalle akka goggoganu hin godhamuu ree? Dameeleen isaalle hin goggogan; hidda isaalle buqqisiisaaf, irree jadduu yookiin nama hedduu hin barbaachisu.
EZE 17:10 Kunoo, addee tana irraa buqqifamee addee dhibi'itti yoo dhaabame hin oshobaa ree? Qilleensi o'aan karaa aduun baatuu yennaa isa dhowe, addee itti oshobe sanitti ijjumaa hin qooruu ree?› jedha» jedhe.
EZE 17:11 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 17:12 «Ati worra finqilaa kanaan, ‹Isin hiikkaa waan kanaa hin beettanii ree? Kunoo, mootiin Baabilonii gara Yerusaalemii dhufee, mootii isi'iitii fi qondaaltota isi'ii booji'ee fudhatee Baabilonitti hin deebi'a.
EZE 17:13 Inni sanyii mootota Yihuda'aa keessaa tokkocha fuudhee isa woliin gondooroo godhatee, isa kakachiisee, isa woliin sooressitoota Yihuda'aalle fudhatee deeme.
EZE 17:14 Mootiin sun mootummaan Yihuda'aa gad jettee, adoo ol ifi hin qabin gondooroo mootii Baabilonii san jabaattee akka eegattuuf tana godhe.
EZE 17:15 Mootiin Yihuda'aa ammoo mootii Baabilonii irratti finqila kaasee, fardoole'ee fi loltoota bacaa akka isaaf kennanu ergantoota gara Gibxi'ii erge. Tun isaaf hin milkoottii ree? Nami waan akkasii godhe miliquu hin dande'aa ree? Gondooroo san diigee, miliquu hin dande'aa ree?› jedhi.
EZE 17:16 «Ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Mootiin Yihuda'aa kun biyya Baabilonii biyya mooticha isa mootonsetti, kakuu isaa san tuffatee, gondooroo isa woliin godhate waan diigeef, inni biyya baabilonii keessatti hin du'a.
EZE 17:17 Worri Baabilonii namoota bacaa ijjeesiisaaf kaabii dalleya dhaka'aatitti marsanee yennaa ijaaranu, mootiin Gibxi'ii loltoota ifii guddo'oo fi kolbaa bindillaa ifii woliin dhufee loliisaan isa qarqaaruu hin dande'u.
EZE 17:18 Inni kakuu san tuffatee, gondooroo san diigeera. Kunoo, inni wolii galtee san diigee waan kana mara waan godheef, adabbii jalaa miliquu hin dande'u.
EZE 17:19 Tanaaf, ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Kakuu tiyya ta inni tuffatee fi gondooroo tiyya ta inni diige san mataa isaatitti hin deebisa.
EZE 17:20 Ani caccoo tiyya isa gubbaa diriirsee, inni tiyyoo tiyyaan hin qabama; waan naaf addatamuu dhabeef gara baabilonii isa geessee, achitti itti hin mura.
EZE 17:21 Loltooti isaa worri beekkamane ka baqatiisatti jiranu marti shallaaga'aan hin ijjeefaman; worri jiru'uun hafelle gara mara hin bittinnowan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan; ani tana dubbadheera» jedhe.
EZE 17:22 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani ifuma kiyyaan qaccee hindheensa dheera'aa san irraa quunxoo kutee hin dhaaba; quunxoo san keessaa kichuu tokkocha fuudhee, ifuma kiyyaan gaara ol aanaa dheeraa irratti hin dhaaba.
EZE 17:23 Ani gaara Israa'elii ol aanaa irratti isa hin dhaaba; inni achitti dameelee bacaa baasee, midhaanille buusee, hindheensa guddaa dansaa hin te'a. Sinbirreen gosa adda addaa marti isa jala hin leeti; gaaddisa dameelee isaa keessalle'etti mana hin ijaarratti.
EZE 17:24 Yennaa san muki badda'aa marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan; ani muka dhedheeraa hin gaggabaassa; muka gaggabaabaa hin dhedheeressa; muka bibbisilee hin goggossa; muka goggogaa bisilee hin tolcha; ani Mootiin Waan Maraa dubbadheeraa, waan dubbadhe kana hin tolcha» jedhe.
EZE 18:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 18:2 «Marroo lafa Israa'eliitiif, mammaassi isin itti deddeebitanee, ‹Abbootiin midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaatte; ilkaan ijoolle'ee tutume› jettanu kun maan inni?
EZE 18:3 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Dhugumaan ani Goottaa Mootii Waan Maraa jiraata'a! Isin haganaa achi lafa israa'elii keessatti mammaassa kana hin mammaattanu.
EZE 18:4 Lubbuun nama maraa tiyya; lubbuun abba'aa akkuma tiyya teete, lubbuun ilmaalle tiyya; lubbuun cubbuu hujju hin duuti.
EZE 18:5 « ‹Nami balchaan tokko waan haqaatii fi dhuga'aa yoo huje,
EZE 18:6 inni waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraatitti dhikaate hin nyaatu yookiin gara waaqota dharaa ka Israa'elii hin ilaalu; niitii namaa batteessu yookiin dubartii aadaan dubarti'ii irra jirtu bira hin gewu.
EZE 18:7 Inni waan qaddii qabate nama liqeeffate saniif hin deebisa malee, nama tokkolle hin cunqursu; nama hin saamu; ka beeloteef sagalee kenna; ka daare woyaa itti uffisa.
EZE 18:8 Dhalaan hin liqeessu yookiin dhala bacaa hin fudhatu; inni harka ifiitiin cubbuu hin huju; namaa fi nama wodhakka'atti muraa dhuga'aatii fi haqaa mura.
EZE 18:9 Inni seerata kiyya gula deema; seera kiyya addatamumma'aan eegata; inni balcha'a; dhugumaan inni lubbu'uun hin jiraata› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 18:10 «Te'uu malee, namichi sun ilma hunnaan nama irratti ka'u ka dhiiga namaalle dhangalaasu, ka waan kana keessaa takkattiille huju yoo uumate,
EZE 18:11 ta abbaan sun waan kana keessaa tokkolle hin hujin, ilmi isaa ammoo waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo nyaate, niitii namaalle yoo batteesse,
EZE 18:12 hiyyeessaa fi rakkataa yoo cunqurse, yoo saame, qaddii qabate yoo deebisuu dhabe, gara waaqota dharaa yoo ilaale, waan diqachiisu yoo huje,
EZE 18:13 dhalaan yoo liqeesse, dhala bacaalle yoo fudhate, nami akkasii kun dhugumaan lubbu'uun hin jiraataa ree? Inni hin jiraatu; inni waan diqachiittuu tana mara waan hujeef, dhugumaan hin du'a; dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama.
EZE 18:14 «Ilmi kun ilma yoo uumate, ilmi isaa kun cubbuu abbaan isaa huje mara ilaalee, cubbuu akka abbaa ifii yoo hin hujin,
EZE 18:15 waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo hin nyaatin, gara waaqota dharaa ka Israa'elii yoo hin ilaalin, niitii namaa yoo hin batteessin,
EZE 18:16 nama yoo hin cunqursin yookiin liqaa kenniisaaf qaddii yoo hin fudhatin, yoo hin saamin, ka beeloteef sagalee ifii yoo kenne, ka daare yoo uffise,
EZE 18:17 harka ifiitiin cubbuu yoo hin hujin, dhalaan yoo hin liqeessin, dhala bacaa yoo hin fudhatin, seera kiyya yoo eegate, seerata kiyyalle yoo hordofe, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee sababa cubbuu abbaa isaatiif hin du'u.
EZE 18:18 Abbaan isaa ammoo karaa haqa hin te'iniin beesee namaa waan fudhateef, nama ifii waan saameef, kolbaa ifii keessatti waan dansaa hin te'in waan hujeef, kunoo inni cubbuu ifiitiin hin du'a.
EZE 18:19 «Isin, ‹Ilmi sababa cubbuu abbaa ifiitiif maaf hin adabamin ree?› jettan. Ilmi isaa haqaa fi waan sirrii te'e waan hujeef, seerata kiyya mara waan eegateef, inni dhugumaan lubbu'uun hin jiraata.
EZE 18:20 Lubbuun cubbuu hujje isiin hin duuti; ilmi cubbuu abba'aatiif, abbaalle cubbuu ilmaatiif hin adabamin. Balchummaan balcha'aaf laakkowantuu ti; hammeennille hama'aaf laakkowamuu ti.
EZE 18:21 «Nami hamaan cubbuu ifii huje mara irraa deebi'ee seerata kiyya yoo eegate, waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e maralle yoo huje, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee hin du'u.
EZE 18:22 Cubbuun inni huje marti itti hin laakkowantu; inni balchummaa waan hujeef lubbu'uun hin jiraata.
EZE 18:23 Nami hamaan hammeenna ifii irraa deebi'ee akka lubbu'uun jiraatu malee, ani dhugumaan du'a isaatitti hin gammadaa ree? Jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 18:24 «Nami balchaan tokko ammoo balchummaa ifii irraa deebi'ee, waan diqachiisu ka nami hamaan huju mara yoo huje lubbu'uun hin jiraataa ree? Inni addatamummaa dhabee cubbuu waan hujeef, hin du'a malee, balchummaa inni huje marti isaaf hin laakkowantu.
EZE 18:25 «Isin ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'a moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Na dhage'a'a; karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree?
EZE 18:26 Nami balchaan balchummaa ifii irraa deebi'ee cubbuu yoo huje cubbuma saniin hin du'a; sababa cubbuu huje saniitiif hin du'a.
EZE 18:27 Nami hamaalle cubbuu ifii irraa deebi'ee haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, lubbuu ifii hin baafata.
EZE 18:28 Inni cubbuu huje san mara hubatee irraa waan deebi'eef, jiru'uun jiraata malee hin du'u.
EZE 18:29 Isin kolbaan Israa'elii ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'aa moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree?
EZE 18:30 «Tanaaf, ‹Ee kolbaa Israa'elii! Ani akka hujii teessaniititti tokko tokkoo keessanitti hin mura; cubbuu teessan irraa deebi'a'aatii, cubbuun teessan akka isin hin balleessine, cubbuu teessan mara lakkisa'a.
EZE 18:31 Cubbuu hujjane mara lakkisa'aatii, qalbii haareyaa fi Ayyaana haareya qabaadha'a; ee kolbaa Israa'elii! Isin maaf duutan ree?
EZE 18:32 Ani du'a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi'a'aatii jiru'uun jiraadha'a› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 19:1 «Faaruu gaddaa qondaaltota Israa'eliitiif faarsa'aatii:
EZE 19:2 «‹Haati teeti neenqota keessaa neenqa dhalaa attamii ti! Isiin neenqota dardara odduu ciittee, ilmoolee ifii guddifatte.
EZE 19:3 Isiin ilmoolee ifii keessaa tokkocha guddifatte; innille neenqa dardara te'e; adansee qabatiisa baratee, nama nyaate.
EZE 19:4 Gosi biyya adda addaa marroo isaa dhageette; inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame; Isaanille hookkoo itti keyanee harkisanee gara biyya Gibxi'ii geessane.
EZE 19:5 Addiin isi'ii bu'aa akka hin qanne, wonni isiin eegatte akka isi'ii hin teene yennaa dhaggite, ilmoolee ifii keessaa ka dhibii fuutee guddittee, neenqa dardara goote.
EZE 19:6 Innille odduu neenqotaa asii fi achi ideeme; neenqa dardara te'ee adansee qabatiisa baratee, nama nyaate.
EZE 19:7 Inni kushee isaanii jadduu caccassee qachaa isaanii balleesse; lattii fi wonni isii keessaa marti dhangaa inni dhowuun sheephitte.
EZE 19:8 Achiin duuba gosi biyya adda addaa karaa maraan isatti kaate; isaan caccoo ifii isa irratti afanee, inni boolla isaan qotane keessa seenee qabame.
EZE 19:9 Hookko'oon harkisanee gooree sibiilaa keessa keyanee gara mootii Baabilonii geessane. Dhangaan inni dhowu gaarota Israa'elii irratti deebi'ee akka hin dhage'ane addee inni itti hidhamee eegamu keessa buusane.
EZE 19:10 Haati teeti muka woyni'ii ka bisaan qarqaratti dhaabane, ka sababa bisaan guddaa saniitiif midhaan bacaa buusee banqaaqe fakkaatti.
EZE 19:11 Dameeleen isaa jajjabaattee, ulee bokku'uu ta bulchitootaa teete. Hojjaan isaatii fi dameeleen isaa bacaan, ciggaa keessaa ol dheeratanee mudhatane.
EZE 19:12 Te'uu malee aari'iin buqqifamee lafatti gatame; qilleensi goomole'ee ka karaa aduun baatuu midhaan isaa qoorsee, irraa lafatti harcaasee goggosse; dameelee isaa jajjadduu sanille ibiddi nyaate.
EZE 19:13 Amma muki woyni'ii goomolee keessa addee bisaan hin jirre lafa goddu'utti dhaabame.
EZE 19:14 Qaccee damee muka woyni'ii guddittii keessaa ibiddi bayee midhaan isaa mara nyaate; dameen jadduun ulee bokku'uu ta bulchitootaa teetu, ijjumaa irratti hin hanne› jedhi. Tun faaruu gaddaa, ta yennaa gaddaa faarfatanu» jedhe.
EZE 20:1 Booji'annee woggaa torbeesso'oo keessa, ji'a shaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'oo, jaarsolee Israa'elii keessaa gariin, fedhii Mootii Waan Maraa gaafatiisaaf dhufanee, fuula kiyya dura tee'ane.
EZE 20:2 Jechi Mootii Waan Maraalle gara kiyya dhufee,
EZE 20:3 «Ee ilma namaa! Waan Goottaan Mootiin Waan Maraa jedhu, jaarsolee israa'eliititti dubbadhu; ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin gaaffii na gaafatiisaaf dhuttanee? Dhugumaan ani jiraata'a! Ani akka isin gaaffii na gaafattanu hin eeyyamu jedha› jedhiin.
EZE 20:4 «Ee ilma namaa! Ati isaanitti hin murtaa ree? Dhugumaan ati isaanitti hin murtaa ree? Waan diqachiisaa abbootiin isaanii hujje akka qaabatanu,
EZE 20:5 ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani yennaa Israa'el filadhe, gaafa sanyii Yaaqoobiitiif kakadhe, biyya Gibxi'ii keessatti ifi isaanitti mudhisee: Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedhee isaaniif kakadhe.
EZE 20:6 Gaafa san biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara lafa isaaniif abuuree, lafa aananii fi dammaa, ta lafa biyya lafaa mara caalaa toltuu san isaan galchiisaaf, isaaniif kakadhe.
EZE 20:7 Ani isaaniin: Tokko tokkoon keessan waaqota dharaa diqachiisaa ilti teessan ilaaltu san gata'a; waaqota dharaa ka Gibxi'iitiin ifi hin batteessina'a; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jedheen.
EZE 20:8 Isaan ammoo na finqilanee na caqasiisa didane. Isaan waan diqachiisaa ilti isaanii ilaaltu san hin ganne; waaqota dharaa ka Gibxi'ii sanille waaqonfatiisa hin lakkinne. Achiin duuba ani biyya Gibxi'ii keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee aarii tiyyalle baafatiisaaf hedeeyyu.
EZE 20:9 Te'uu malee worra isaan keessa le'ane, ka adoo isaan dhagganuu ani Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasiisaaf kakadhe, gosa biyya adda addaa san duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee tana godhe.
EZE 20:10 «‹Maarre ani biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara goomole'ee isaan fide.
EZE 20:11 Nami yoo eegate akka ittiin jiru'uun jiraatuuf, ani seerataa fi seera kiyya isaaniif kenne.
EZE 20:12 Ka isaan woyyoonsu ana Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanuuf, anaa fi isaan wodhakka'atti beessisa akka te'uuf Sanbata kiyyalle isaaniif kenne.
EZE 20:13 Kolbaan Israa'elii ammoo goomolee keessatti na finqilte; seerataa fi seera kiyya ka nami yoo eegate jiru'uun jiraatu hordofuu didde; isaan Sanbata kiyyalle guddoo salphisane. Achiin duuba ani goomolee keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee isaan balleessiisaaf hedeeyyu.
EZE 20:14 Te'uu malee gosa biyya addaa ta isaan adoo dhagganuu biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee ani tana godhe.
EZE 20:15 Garuu lafa biyya lafaa mara caalaa toltu, ta aananii fi dammaa ta isaaniif kenne sanitti akka isaan hin galchine goomolee keessatti isaaniif kakadhe.
EZE 20:16 Isaan waaqota dharaa hordofanee, seera fi seerata kiyya didanee Sanbata kiyyalle waan salphisaneef tun teete.
EZE 20:17 «‹Teetulle, ani isaan mararee isaan hin balleessine yookiin goomolee keessatti isaan akka fixamanu hin tolchine.
EZE 20:18 Ani goomolee keessatti ijoollee isaaniitiin, «Seerata abbootii teessanii hin hordofina'a; seera isaanille hin eegatina'a; waaqotaa dharaa ka isaaniitille'een ifi hin batteessina'a.
EZE 20:19 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; seerata kiyya hordofa'a; seera kiyyalle eegadha'aatii muummessa'a.
EZE 20:20 Anaa fi isin wodhakka'atti beessisa akka te'u, ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'elle akka beettanu Sanbata kiyya woyyicha ulfeessa'a» jedhe.
EZE 20:21 «‹Ijoolleen isaanii ammoo na finqilane; isaan seera kiyya ka nami yoo eegate jiru'uun jiraatu san hin hordofanne; seera kiyyalle jabaatanee hin eeganne; Sanbatalle salphisane; achiin duuba ani goomolee keessatti mufii tiyya isaan irratti dhangalaasee, aarii tiyya baafatiisaaf hedeeyyu.
EZE 20:22 Te'uu malee, gosa biyya adda addaa ta adoo isaan dhagganuu Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase duratti maqaan kiyya akka hin salphanneef jedhee harka kiyya deebifadhe.
EZE 20:23 Gosa biyya adda addaa keessa akka isaan bittinneessuu fi biyya hedduu keessa akka isaan facaasulle goomolee keessatti isaaniif kakadhe.
EZE 20:24 Sababa isaan waaqota dharaa ka abbootii ifii ilaalanee, seera kiyyaaf ajajamuu dhabanee, seerata kiyya didanee Sanbata kiyyalle salphisaneef ani tana godhe.
EZE 20:25 «‹Kana irralle'etti, seerata dansaa hin te'inii fi seera isaan jiruu ittiin hin dhagganne isaaniif kenne.
EZE 20:26 Ani Mootii Waan Maraa akka te'e akka beekanuuf, ijoollee ifii angafoota mara ciincaa dhikeessanuun akka battowanu isaan lakkisee, naasuulle isaanitti buuse jedha› jedhiin.
EZE 20:27 «Tanaaf, ee ilma namaa! Ati kolbaa Israa'eliititti dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Abbootiin teessan naaf addatamummaa dhabanee, tanalle'een na faanshessane.
EZE 20:28 Ani gara lafa isaaniif kenniisaa kakadhee san yennaa isaan galche, achiin duuba isaan koobota dhedheertuu yookiin mukoota baala bisile'ee yennaa dhaggane mara, achitti ciincaa ciincessanee, kennansa aari'itti na kakkaasu dhikeessanee, kennansa foolee dansaa qabu, kennansa daadhii woyni'ii dhangalaasane jedha› jedhi» jedhe.
EZE 20:29 Anille isaaniin: «Addeen isin dhaqaartanu ka, ‹Baamaa› jedhamanu kun ‹Maan inni?› jedhee gaafadhe. ‹Baamaa› jechuun, ‹Addee waaqonfanna'aa› jechu'u. Maarre addeen sun haga adhaa, ‹Baamaa› jedhaman.
EZE 20:30 Tanaaf, ati kolbaa Israa'eliititti dubbadhuutii: Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isinille akkuma abbootii teessanii waaqota dharaa diqachiisaa san waaqonfattanee ifi batteessitanii?
EZE 20:31 Isin kennansa keessan yennaa dhikeessitanu, ijoollee teessan kennansa ibiddaan gubamu yennaa kennitanu, waaqota dharaa keessaniin haga adhaa ifi batteessitan. Ee, kolbaa Israa'elii akka isin woy na gaafattanu hin godhaa ree? Ani jiraata'a! Ani akka isin woy na gaafattanu hin godhu› jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 20:32 Isin qalbii teessan keessatti, ‹Nuutille akkuma gosa biyya adda addaa, akkuma kolbaa biyya heddu'uu mukaa fi dhaka'atti sagadanuu teenuu ti› ka jettanu ijjumaa hin teetu.
EZE 20:33 «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani jiraata'a! Dhugumaan ani irree tiyya jaddu'uun, harka kiyya diriirsee, mufii tiyyalle isin irratti dhangalaasee isin irratti mootii hin te'a.
EZE 20:34 Ani irree tiyya jaddu'uun, harka kiyya diriirsee, mufii tiyya dhangalaasee, biyya hedduu addee isin itti bittinnoottane gosa biyya adda addaa keessaa wolitti isin hin qaba.
EZE 20:35 Ani gara goomolee gosa biyya adda addaa isin fidee, achitti fuula kiyya duratti isinitti hin mura.
EZE 20:36 Goomolee biyya Gibxi'ii keessatti akkuma abbootii teessanitti mure, akkasuma isinitti hin mura.
EZE 20:37 Ani laakkowiisaaf ulee tiyya jala isin hin dabarsa; hidhaansa gondooroo tiyyaa keessa isin hin galcha.
EZE 20:38 Ani worra finqila'aa fi worra na yakke isin keessaa adda hin baasa; lafa isaan amma alagaa te'anee keessa le'anu keessaa isaan hin baasa; garuu isaan gara lafa Israa'elii hin galanu; achiin duuba isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedha.
EZE 20:39 «Ee, kolbaa Israa'elii! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isin amma yoo naaf hin dhageenne teete, tokko tokkoon keessan dhaqa'aatii, waaqota dharaa keessan tajaajila'a! Ammoo haganaa achi maqaa kiyya woyyicha waaqota keessanii fi kennansa keessaniin hin batteessina'a.
EZE 20:40 Gaara kiyya woyyicha, gaara Israa'elii ka irra caalaa ol dheeratu irratti, achitti kolbaan Israa'elii marti, lafa sanitti isaan marti na hin tajaajilan. Anille achitti isaan hin fudhadhaa, kennansa isaaniitii fi kennansa isaanii ka mata'aa kennansa isaanii woyyicha mara woliin isaan irraa barbaada› jedha, Goottaan Mootiin Waan Maraa,
EZE 20:41 ‹Gosa biyya adda addaa keessaa isin baasee, biyya isin itti bittinnootane keessaa yennaa isin wolitti qabu, akka foolee dansa'aa isin hin fudhadha; gosa biyya adda addaa duratti woyyummaa tiyya odduu teessanitti hin mudhisa.
EZE 20:42 Biyya ani abbootii teessanii kenniisaaf kakadhe, gara lafa Israa'elii ani yennaa isin galchu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan
EZE 20:43 Achitti akka itti leetane maraa fi hujii teessan ta ittiin ifi batteessitane mara hin qaabattan; hujii hantuu hujjane maraaf ifi hin jibbitan.
EZE 20:44 Ee, kolbaa Israa'elii! Akka le'ii teessan hantuu saniitii moti; akka hujii teessan badduu saniille'ee moti; maqaa kiyyaaf jedhee yennaa ani tana isiniif godhu, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan› jedha, Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 20:45 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 20:46 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara kibbaa deebifadhuutii, biyya kibbaatitti lallabi; gongomaa biyya kibbaa irratti raaga dubbadhu.
EZE 20:47 Gongomaa biyya kibbaatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'i› jedhi; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani ibidda si keessatti hin bobeessa; ibiddi sun muka jiidha'aa fi gogaa si keessa jiru mara gubee hin fixa; bobeenni bobe'u sun hin dhaamu; lafa san mara kibbaa haga kaabaatitti hin guba.
EZE 20:48 «‹Ani Mootiin Waan Maraa akka ibidda san bobeesse, nami marti hin dhagga; ibiddi sun hin dhaamu› jedha» jedhe.
EZE 20:49 Achiin duuba ani, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa! Isaan, ‹Inni fakkeennaan dubbataa motii ree?› naan jedhan» jedhe.
EZE 21:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 21:2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara Yerusaalemii deebifadhuutii, gara addee waaqonfanna'aa ta isi'ii irratti lallabi; lafa Israa'elii irratti raaga dubbadhu.
EZE 21:3 Lafa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani si irratti ka'eera; shallaagaa kiyya gonofaa isaa keessaa buqqifadhee, balchichaa fi cubbaalessalle si irraa hin balleessa.
EZE 21:4 Ani balchichaa fi cubbaalessalle si irraa waan balleessuuf, shallaagaan kiyya nama mara irratti kibbaa haga kaabaatitti gonofaa keessaa hin buqqifama.
EZE 21:5 Nami marti akka ani Mootiin Waan Maraa shallaagaa kiyya gonofaa isaa keessaa buqqifadhe hin beeka. Shallaagaan sun deebi'ee gonofa'atti hin deebi'u jedha› jedhi.
EZE 21:6 «Ee ilma namaa! Ati aadi; qalbii gad jettee fi gadda hadhowuun isaan duratti aadi.
EZE 21:7 Yennaa isaan, ‹Maaf aadda?› siin jedhane, ati isaaniin, ‹Marroo oduu dhufaartuutiif aada; yennaa wonni kun dhuttu, onneen marti hin baxxi; harki marti hin laashowa; lubbuun marti hin gaggaddi; jilbi marti bisaan hin te'a. Kunoo, wonni kun hin teeti; hin muummottille'e, jedha Mootiin Waan Maraa› jedhiin» jedhe.
EZE 21:8 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 21:9 «Ee ilma namaa! Ati raagiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Shallaagaa tokko! Shallaagaa tokko! Ka qaramee morodame;
EZE 21:10 qaliisaaf ka qarame; akka balaqqeetti'ii balaqqisiisaaf ka morodame! Kolbaan tiyya ifi eeggachisiisaa fi adabbii mara waan tuffatteef haganaa achi firinxiixi hin jiraa ree?
EZE 21:11 Shallaagaan harkatti akka qabatamu morodamiisaaf kennameera; shallaagaan kun ka nama ijjeesutti kennamiisaaf qaramee morodame.
EZE 21:12 Ee ilma namaa! Shallaagaan kun kolbaa tiyyaa fi qondaaltota Israa'elii mara waan balleessuuf iyyii wiiccifadhu. Isaan kolbaa tiyya woliin hin ijjeefaman. Tanaaf gaddaan qoma teeti dhowadhu.
EZE 21:13 Dhugumaan haga ilaallatamiis hin dhufa; cubbuu irraa yoo hin deebi'in kun marti isaan irratti hin te'a› jedha Mootiin Waan Maraa.
EZE 21:14 «Ee ilma namaa! Raagi. Harka keeti aari'iin dhowi; shallaagaan nama qalu yennaa lama, yennaa sadille isaan dhowuu ti; shallaagaan nama bacaa qalu gara maraan isaan marseera.
EZE 21:15 Onneen isaanii baxxee, hedduun isaanii akka gufatanu, karra isaanii mara duratti ani shallaagaa nama qalu isaan dura keyeera; kunoo, shallaagaan akka balaqqisuuf morodameera; ittiin qaliisaafille buqqifameera.
EZE 21:16 Ee, shallaaga'a! Gara middaatititti, gara bita'aalle'etti, garuma qarri keeti itti fuula galetti muri.
EZE 21:17 Anille harka kiyya aari'iin hin dhowa; aarii tiyyalle hin baafadha; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.
EZE 21:18 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 21:19 «Ee ilma namaa! Karaa lama ka mootiin baabilonii shallaagaa qabatee dhufu fakkii kaasi; fakkiin kara'aa sun lamaanuu biyya tokko keessaa ka'uu ti; addee fakkiin kara'aa sun gara qacha'aa irraa gorutti beessisa dhaabi.
EZE 21:20 Karaa shallaagaan qachaa Amoonotaa Raabaatitti dhufu fakkii tokko, karaa shallaagaan biyya Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii ka dalleya dhaka'aa qabu dhufutti fakkii tokko kaasi.
EZE 21:21 Mootiin Baabilonii gorsuma kara'aa irra hin dhaabbata; moru'uun karaa itti goru beekiisaaf daayaan hixaa buufata; waaqota ifii ka dharaa gorsa hin gaafata; moora horii qalamee hin ilaallata.
EZE 21:22 Waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu akka dhaabu, qaliisaaf ajaja akka baasu, iyya lolaalle akka dhageessisanu, waan dalleya dhaka'aa ittiin diigu karra qacha'aa duratti akka dhaabu, biyyee tuulee akka kushee ijaaru, kunoo, hixaa daayaa ka gara Yerusaalemii akka inni deemu isatti himu harka middichatti qabateera.
EZE 21:23 Worra Yerusaalemii ka isa woliin kaku'uun wolii galaneef moruu dharaa hin fakkaatti; mootiin Baabilonii ammoo cubbuu isaanii isaan issee isaan hin booji'a.
EZE 21:24 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Cubbuun teessan mudhatteerti. Isin yakkaameyyii akka teetane nami marti hin beeka; isin waan hujjane maraan cubbuun teessan mudhatteerti. Tanaaf, ani akka isin booji'anuuf, diinota keessanitti dabarsee isin hin kenna.
EZE 21:25 « ‹Atille ee qondaala Israa'elii batticha hamaalessa! Guyyaan muumme'ee ka ati adabantu dhufeera.
EZE 21:26 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Marata mata'aa ifi irraa hiikadhu! Kallachalle ifi irraa baafadhu! Wonni akka amma jirutti hafu hin jiru. Worri gad qabame ol qabama; worri ol qabame gad qabama.
EZE 21:27 Badii, badii, badii ani Yerusaalemitti hin fida. Haga abbaan mura'aa ka ani Yerusaalem akka balleessu itti kennu sun dhufutti badiin tun hin teetu; ani Yerusaalem isatti hin kenna› jedha.
EZE 21:28 «Ee ilma namaa! Ati marroo worra Amoonotaatii fi marroo murgoo isaanii raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «‹Shallaaga'a! Shallaaga'a! Gonofaa keessaa buqqifami; akka ijjeettuuf balaqqisiisaaf morodami.
EZE 21:29 « ‹Isaan mudhii dharaa si mootii Baabiloniitiif dhaggane; moruu sobaa si mootii Baabiloniitiif morane; morma worra batticha hamaaleyyi'ii ka guyyaan isaanitti muramu geyee, ka muummeen yennaan isaanii geette irra shallaagaan keeti hin keyama.
EZE 21:30 « ‹Ati shallaagaa gonofa'atti deebisi! Ani addee ati itti dadantetti, biyya itti dhalattetti sitti hin mura.
EZE 21:31 Ani aarii tiyya ta akka bobe'a ibiddaa si irratti hin dhangalaasa; harka worra nama balleessiisaan beekkametti dabarsee si hin kenna.
EZE 21:32 Ati ibiddaan hin badda; dhiigi keeti biyyuma teeti keessatti hin dhangala'a; ani Mootiin Waan Maraa tana waan dubbadheef, haganaa achi nami deebi'ee si qaabatu hin jiru› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 22:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 22:2 «Ee ilma namaa! Ati itti hin murtuu ree? Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu kanatti hin murtuu ree? Maarre waan diqachiisaa inni huje mara itti mudhisi.
EZE 22:3 Ati qacha'aan, ‹Mootiin Waan Maraa: Ati qachaa wodhakkaa keetitti dhiiga dhangalaattu, ka waaqota dharaatiin ifi batteessitu, guyyaan keeti geyeera.
EZE 22:4 Ati dhiiga dhangalaatteen yakkaamessa teeteerta; waaqota dharaa ka hujjelle'een battootteerta; ati guyyaa keeti gabaaffateerta; muummeen bara keetii geyeera. Tanaaf ani gosa biyya adda addaatiif murgoo, biyya hedduu maraaf waan taphaa si hin godha.
EZE 22:5 Worri dhikoo teeti jiruu fi worri si'i irraa fagoo jiru sitti hin murgan; maqaan keeti battowee, qachaa hoga'aan guutame hin teeta.
EZE 22:6 Kunoo, qondaaltoti Israa'elii worri si keessa jiru tokko tokkoon isaanii akkuma hunna ifiititti dhiiga dhangalaasan.
EZE 22:7 Si keessatti abba'aa fi haati hin tuffataman; worri alagaan hin cunqurfaman; ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa hin miicaman.
EZE 22:8 Ati meya kiyya woyyicha tuffattee, Sanbata kiyyalle salphitteerta.
EZE 22:9 Namooti dhiiga dhangalaasiisaaf hamatanu si keessa jiran; kolbaan gaarota addee waaqonfannaa waaqota dharaa irratti waan ciinceffame nyaattulle si keessa jirti; isaan si keessatti sagaagalan.
EZE 22:10 Namooti si keessatti niitii abbaa ifii woliin rafan; isaan dubartii aadaan dubarti'ii itti dhutteertu hunnaan woliin rafan.
EZE 22:11 Tokko tokko niitii namaa woliin waan nama diqachiisu hujan; ka dhibiin niitii ilma ifii batteessa; ka dhibiin intala abbaa ifii, obboleettii ifii hunnaan woliin rafa.
EZE 22:12 Si keessatti isaan dhiiga dhangalaasiisaaf safuu fudhatan; ati liqaa dhalaatii fi bu'aa haqa hin te'in nama irraa fudhattee saamaan durommatteerta; ijjumaa na deeteerta.
EZE 22:13 « ‹Kunoo, ani bu'aa ati haqa malee dhaggattee fi dhiiga si keessatti dhangala'eef ani aari'iin harka kiyya hin dhowa.
EZE 22:14 Guyyaa ani si adabu lapheen teeti hin jajjabaattii ree? Yookiin irreen teeti hin jabaattii ree? Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera; ani waan kana hin godha.
EZE 22:15 Ani biyya hedduu gosa biyya adda addaa keessa si bittinneessee, battummaa teeti mara si keessaa hin balleessa.
EZE 22:16 Gosa biyya adda addaa duratti hujuma teetiin battii teetee, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta jedha› jedhi» jedhe.
EZE 22:17 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 22:18 «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii solloqqee natti te'aneeran; isaan martinuu akka sageettuu, qorqooroo, sibiilaa fi irsaasa addee sibiila itti baqisiisanu keessaa ti; isaan solloqqee meeti'ii te'aneeran.
EZE 22:19 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Isin martinuu solloqqee waan teetaneef, kunoo, ani Yerusaalem keessatti wolitti isin hin qaba.
EZE 22:20 Akkuma namooti meetii, sageettu'uu fi sibiila, irsaasaa fi qorqooroo addee sibiila itti baqisiisanutti baqisiisiisaaf ibidda itti buufanu, anille aarii tiyyaa fi mufii tiyya keessatti wolitti isin qabee akka baxxanu isin hin godha.
EZE 22:21 Ani wolitti isin qabee, ibidda mufii tiyyaa isinitti buufee, isinille mufii tiyya keessatti hin baxxan.
EZE 22:22 Akkuma meetiin addee sibiila itti baqisiisanu keessatti baxxu, isinille mufii tiyya keessatti hin baxxan; yennaa san ani Mootiin Waan Maraa mufii tiyya akka isin irratti dhangalaase hin beettan› jedha» jedhe.
EZE 22:23 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 22:24 «Ee ilma namaa! Ati lafaan, ‹Ati woyyittii waan hin te'iniif, guyyaa mufii tiyyaa bokkeenni si irratti hin roobu.
EZE 22:25 Malli raagota isi'ii wolitti deebi'anee akka neenqa waan ijjeese kukkutataa dhangaa dhowuu ti; isaan kolbaa ijjeesanee, beese'ee fi qabeenna dhaggane mara fudhatan; ijjeechaa isaaniitiin haadhotii hiyyeessaa baceessane.
EZE 22:26 Hayyooti isi'ii seera kiyya cassaneeran; waan woyyuu te'e hin kabajanu. Isaan waan woyyuu te'ee fi waan battii te'e addaan hin baasanu; isaan garaagarummaa waan qulqullu'uutii fi waan qulqulluu hin te'inii hin barsiisanu; Sanbatalle lakkisaneeran; tanaaf ani odduu kolbaa Israa'eliititti ulfinna dhabeera.
EZE 22:27 Qondaaltoti isi'ii akka yayyii waan nyaatte kukkuttuu ti; isaan duroomiisaaf nama ijjeesan.
EZE 22:28 Raagoti isi'ii akka nama halluu adii dhaaba manaatitti dibuu cubbuu tana mara dhossan. Isaan mudhii dharaa dhaggaa, moruu dharaalle moran. Goottaan Mootiin Waan Maraa adoo isaanitti hin dubbatin, isaan: Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha jedhan.
EZE 22:29 Namooti lafa sanii maltumma'aan saaman. Isaan worra hiyyeeyyii, rakkata'aa fi alagaa miican.
EZE 22:30 Akka ani lafa san hin balleessineef, ka dalleya ijaaru, karaa dalleenni cabeeruun fuula kiyya dura nama isi'iif dhaabbatu, isaan keessa barbaaddeeyyu; garuu nama tokkolle hin dhaggine.
EZE 22:31 Tanaaf ani mufii tiyya isaan irratti hin dhangalaasaa, ibidda mufii tiyyaatiin isaan hin fixa; waan isaan godhane matuma isaaniititti hin deebisa› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 23:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 23:2 «Ee ilma namaa! Obboleeyyan durraa lamaan ta haadha takkaa irraa dhalatane jiraniiyyu.
EZE 23:3 Isaan biyya Gibxi'ii keessatti sagaagaluu jalqabane; isaan dargaggummaa ifiitiin sagaagalane; achitti harmi isaanii qaqqabamee, guntuti isaanii sukkuumame.
EZE 23:4 Maqaan angafitti'ii Ahola'a; ka obboleettii isi'ii Aholiiba'a; isaan lamaanuu kiyya te'anee, ijoollee dhiiraatii fi durra naa deyane. Akkuma maqaa isaaniititti Aholaan Samaariya'a; Aholiibaan Yerusaalem.
EZE 23:5 «Aholaan adoo tiyya teetee jirtuu sagaagalte; worra isii jaalatanu worra Asoorii loltoota ollaa ifii halchite.
EZE 23:6 Isaan worra woyaa dhiillee uffatu, ka biyya bulchanuu fi ajajjoota woraanaa ti; isaan martinuu dargaggoota shashaggoolee abbootii fardo'oo worra fardo'oon gulufu.
EZE 23:7 Isiin dhiirota Asoorii worra filameeru san woliin sagaagaliisaaf ifi kennitee, waaqota dharaa ka worra isii woliin sagaagalanuu saniin ifi batteessite.
EZE 23:8 Isiin sagaagalummaa biyya Gibxi'iititti jalqadde san hin lakkinne; dhiirti dargaggummaa isi'ii keessa isii woliin rafane sun bantii isi'ii balleessanee, fedhii sagaagalummaa ifii isii irratti dhangalaasaneeran.
EZE 23:9 «Tanaaf, ani harka worra isii jaalatuu ka worra Asoorii ka isiin halchituutitti dabarsee isii kenne.
EZE 23:10 Isaan woyaa irraa mulqanee qullaa isii hamburane; isaan ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta durraa booji'anee shallaaga'aan isii ijjeesane; muraan waan itti muranteef, isiin dubartoota keessaa nama ittiin mammaakanu teete.
EZE 23:11 «Obboleettiin isi'ii Aholiibaan tana dhaggiteertiiyyu; garuu halcha'aa fi sagaagalumma'aan isii caalaa battoottee bira dabarte.
EZE 23:12 Isiin worra Asoorii bulchitootaa fi ajajjoota woraanaa, loltoota woyaa dadansaa uffatanee fi dargaggoota shashaggoolee abbootii fardo'oo worra fardo'oon gulufu mara halchite.
EZE 23:13 Ani akka isiin battootte dhagge; isaan lamaanuu karuma tokko deemane.
EZE 23:14 «Isiin sagaagalummaa ifii ittuma dabalte. Isiin fakkii dhiira worra Kaldootaa ta halluu diintu'uun dhaaba manaa irratti kaafamaneeranu dhaggite.
EZE 23:15 Fakkiin sun hidha ifiititti hiituu, mataa ifii irratti marata gad rarra'u qabaniiyyu; isaan martinuu ajajjoota worra Baabilonii ka garreettaa fardaan harkifamuun duulanu, worra lafa Kaldootaatitti dhalate fakkaataniiyyu.
EZE 23:16 Isiin yennaa isaan dhaggite halchaa sagaagaliisaatiin qabantee, biyya Kaldootaatitti isaanitti nama ergatte.
EZE 23:17 Worri Baabilonii taqee isi'ii irratti isii woliin rafanee, sagaagalummaa ifiitiin isii batteessane; isaan isii batteessaneen duuba isaan diqattee irraa garagalte.
EZE 23:18 Yennaa isiin sagaagalummaa ifii ittuma ideente, qullaa nafa ifiille badhinnatti mudhifatte, anille akkuma obboleettii isi'ii diqadhee irraa deebi'e, isiille diqadhee irraa deebi'e.
EZE 23:19 Isiin yennaa dargaggummaa ifii biyya Gibxi'iititti sagaagalaa ka turte san qaabattee, ammalle sagaagalummaa ifii irra caalaa ittuma edeetee,
EZE 23:20 gaarayyoota ifii worra nafi isaanii ka hilaa ka akka harre'ee, sanyiin nafa isaanii ka hilaa keessaa bawu ka fardaa fakkaatu halchite.
EZE 23:21 Ati battummaa yennaa dargaggummaa teetii ta yennaa worri Gibxi'ii guntuta keeti qaqqabee san halchite.
EZE 23:22 «Tanaaf, ee Aholiiba'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani gaarayyoota teeti worra ati diqattee irraa deebite san si irratti kakkaasee, karaa maraan sitti hin fida.
EZE 23:23 Worra Baabilonii, Kaldoota mara, worra Pheqodii, worra Qo'a'aa, worra Sho'a'aa isaan woliin worra Asoorii mara, dargaggoota shashaggoolee, worra biyya bulchanuu fi ajajjoota woraanaa mara, ajajjoota worra garreettaa fardaan harkifamuu, qondaaltota, abbootii fardo'oo worra fardaan gulufanu mara sitti hin fida.
EZE 23:24 Isaan garreettaa fardaan harkifamu ka lolaa hedduu, garreettaa fardaan harkifamu ka meyaa heddu'uu fi gosa biyya adda addaa bacaa woliin sitti hin dhufan. Isaan wontee, wontee uffatanu, gullee sibiilaalle naqatanee si hin marsan; anille muraa isaaniitiif dabarsee si hin kenna; isaanille akka seera ifiititti sitti hin muran.
EZE 23:25 Isaan mufi'iin akka si adabanuuf, ani hinaaffaa tiyyaan sitti hin erga. Isaan gurra keetii fi funnaan keeti si irraa hin muran; ijoollee teeti ta dhiiraatii fi ta durraa booji'anee fudhatan; worra si keessatti jiru'uun hafe shallaaga'aan ijjeesan; kuun ibiddaan hin dhumatan.
EZE 23:26 Isaan woyaa teeti si irraa mulqanee dooqa keeti dadansaa hin fudhatan.
EZE 23:27 Ani battummaa teetii fi sagaagalummaa teeti ta ati biyya Gibxi'iititti jalqadde san akka ati lakkittu hin godha; ati haganaa achi gara isaanii deebitee hin ilaaltu; biyya Gibxi'iille deebitee hin qaabattu› jedha.
EZE 23:28 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani harka worra ati jibbitee diqattee irraa deebiteetitti dabarsee si kennee,
EZE 23:29 isaan si jibbanee waan ati itti elootte mara si irraa hin fudhatan; akka gaafa dhalatteetitti qullaa si hin hamburan; salphinni sagaagalummaa teetiitii fi battummaan teeti hin mudhatti.
EZE 23:30 Waan ati gosa biyya adda addaa woliin sagaagaltee waaqota dharaa ka isaaniitiin ifi batteessiteef tana sitti fide.
EZE 23:31 Ati karaa obboleettii teetii ideenteerta; tanaaf ani muduunuu isi'ii ta adabbi'ii si'ille'eef hin kenna› jedha.
EZE 23:32 «Goottaan Mootiin Waan Maraa: « ‹Ati Muduunuu obboleettii teetii badhoo ta gad boollattu ta bacaa qabattutti hin unta; nama kollaatii fi nama coora'aa hin teeta.
EZE 23:33 Muduunuun obboleettii teeti Samaariya'aa ta baddi'iitii fi ta diigamaa ti; ati machi'ii fi gaddaan hin guutanta;
EZE 23:34 ati isii keessaa untee hin cingifatta; muduunuu san hin caccassita; harma keetille hin babbassita. Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha.
EZE 23:35 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati na deetee dudda keeti duubatti waan na gatteef, gatii battummaa teetiitii fi sagaagalummaa teetii hin fudhatta› jedha» jedhe.
EZE 23:36 Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Ahola'aa fi Aholiiba'atti muriisaaf qophoottaa ree? Maarre hujii isaanii diqachiittuu san isaanitti himi.
EZE 23:37 Isaan gaarayyeeffataneeran; dhiigille harka isaanii keessa jira; isaan waaqota dharaa ka ifii waaqonfatiisaan gaarayyeeffatane; isaan ijoollee ifii ta anaaf deyaneeyyuu waaqota dharaa ka ifiitiif sagalee akka te'anu ibiddaan ciincaa isaaniif dhikeessane.
EZE 23:38 Kana irralle'etti ede'anee, guyyuma san isaan Galma kiyya batteessanee, Sanbata kiyyalle akka diqatamu godhaneeran.
EZE 23:39 Isaan yennaa ijoollee ifii waaqota dharaa ka ifiitiif ciincaa dhikeessane san, guyyuma san Galma kiyya seenanee batteessane; kunoo, wonni isaan mana kiyya keessatti hujane kana.
EZE 23:40 Kana maleelle isaan biyya fago'ootii dhiirti akka isaaniif dhuttuuyyuu ergantoota itti ergataneeraniiyyu; kunoo, dhiirti sunille dhutte. Dubartooti obboleeyyan sun isaaniif jedhanee nafa dhiqatanee, kuulii ila dibatanee, dooqa naqatane.
EZE 23:41 Isaan beeraa dansaa irra tetee'anee, beeraa san dura xarapheessaa dhaabanee hixaana kiyyaa fi zayitii ejersaa tiyya irra keyane.
EZE 23:42 Hogaan gumii worra caaquu adaala isaanii jiraayyu; worri machowaan goomole'ee dhufelle isaan woliin jiraniiyyu; worri machowaan sun harka dubartootaatitti irmuura, mataa isaaniille'etti kallacha keyane.
EZE 23:43 Achiin duuba ani marroo dubartii gaarayyeeffatiisaan haalatte sanii, ‹Amma isaan isii woliin sagaagalanee, isiille isaan woliin sagaagalte› jedhe.
EZE 23:44 Akkuma dhiirti sagaagaltittii woliin rafanu, isaanille isii woliin rafane; akkasuma isaan dubartoota yabaabultoota Ahola'aa fi Aholiibaa woliin rafane.
EZE 23:45 Isaan gaarayyeeffattoota waan te'aneef, dhiigille harka isaanii irra waan jiruuf, namooti balchooleen muraa ittiin dubartoota sagaagaltootaa fi worra dhiigi harka isaanii irra jirutti muranu isaanille'etti hin muran» jedhe.
EZE 23:46 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Gumii bindillaa kakkaasii isaanitti fidi! Akka isaan bararaqanuu fi saamamanu godhi.
EZE 23:47 Gumiin bindillaan sun dhaka'aan isaan hin tuman; shallaagaalle'een isaan hin ijjeesan; ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta durraalle hin ijjeesan; mana isaaniille ibiddaan hin guban.
EZE 23:48 Ani akka kanaan dubartooti marti sagaagalummaa isin hujjane akka hin tolchine ifi eeggachiisiisaan, sagaagalummaa biyya keessaa hin balleessa.
EZE 23:49 Isin gatii sagaagalummaa keessanii hin fudhattan; waaqota dharaa keessan waaqonfatiisaan cubbuu waan hujjaneef, hin adabantan. Yennaa san akka ani Goottaa Mootii Waan Maraa te'e hin beettan» jedhe.
EZE 24:1 Booji'annee woggaa sagaleesso'oo keessa, ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa kudhaneesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 24:2 «Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii guyyaa adhaa kana Yerusaalem waan marseeruuf, maqaa guyyaa adhaa kana barreeffadhu.
EZE 24:3 Kolbaa finqiltuu tanatti fakkeennaan dubbadhuutii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «‹Disitii dhaabi! Disitii dhaabi! Bisaanille itti naqi;
EZE 24:4 gumaa foonii, gumaa foonii dadansaa mara, lukaa fi harka keessa buusi; lafee dadansa'aan guuti.
EZE 24:5 Hoolee keessaa dadansaa qofa qali; Disitii san jala qoraan naqiitii akka dansaa danfisi; foonii fi lafee isii keessaa midhassii bilcheessi› jedha.
EZE 24:6 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Disitii ciillotte ta ciillaan irraa hin kaane, qachaa dhiiga dhangalaasuuf aanne'e! Foon isii keessaa adoo hin filin gumaa guma'aan keessaa guuri.
EZE 24:7 Qachaan kun lafa biyyeen itti deebi'uu hin dandeenne rassaa duwwaa irratti dhiiga dhangalaaseera. Dhiigi qachaan sun dhangalaase haga ammaa isa keessa jira.
EZE 24:8 Ani mufadhee haluu bayiisaaf dhiigi qachaan sun dhangalaase akka hin gollanne rassaa irratti akka dhangala'u godhe› jedha.
EZE 24:9 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Qachaa dhiiga dhangalaasuuf aanne'e! Ani qoraan guddisee hin tuula.
EZE 24:10 Qoraan guddisii tuuliitii, ibidda itti gabbisi; foon akka dansaa effeeli; shorbaa isaalle uddowaa adda addaa itti naqiitii haga lafeelle gubattutti danfisii.
EZE 24:11 Achiin duuba, disitiin o'itee ciillaan isi'ii gubatee akka irraa bu'u, battummaan isii keessaa akka baxxu, disitiin sageettuu irraa hujante sun akka finiintu, duwwaa kashila irra dhaabi.
EZE 24:12 Toluma itti elowane malee ciillaan isi'ii ibiddalle'een irraa hin kaane.
EZE 24:13 Ee qachaa Yerusaalemii! Cubbuun teeti si batteessiteerti; ani akka ati qulqulloottu si godhulle, ati battummaa teeti irraa hin qulqulloonne. Haga ani aarii tiyya si irratti baafadhutti ati hin qulqulloottu.
EZE 24:14 Ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera; yennaan ani waan kana huju dhufaarti; ani gara duubaa hin deebi'u; hin hilu; yaada kiyya hin jijjiiru; akka ideensa keetiitii fi akka hujii teetiititti sitti hin mura› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 24:15 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 24:16 «Ee ilma namaa! Kunoo, ani niitii teeti ta ati guddoo jaalattu, dedhuma si duraa fudhataara; ati hin gaddin yookiin hin bowin, imimmaan teetille hin buusin.
EZE 24:17 Qoonqoo teeti gad qabadhuu gungumi malee ka du'eef iyyitee hin bowin; marata mata'aa keeti mata'atti maradhu; kophee teeti miilatti keyadhu; afaan keeti hin qabatin; haqaqoolle hin nyaatin» jedhe.
EZE 24:18 Maarre ani ganama kolba'atti dubbadhee, galgaluma san niitiin tiyya duute; guyyaa itti aanu ani akkuma ajajame godhe.
EZE 24:19 Achiin duuba kolbaan anaan, «Wonni ati godhiisatti jirtu kun hiikkaan isi'ii maan akka teete nutti hin hintuu ree?» jedhanee na gaafatane.
EZE 24:20 Anille isaaniin, «Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 24:21 ‹Ati kolbaa Israa'eliitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani Galma kiyya ka koora hunna teessanii, ka isin guddoo jaalattanuu fi halchaa lubbuu teessanii hin batteessa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta isin Yerusaalemille'etti lakkittanee deentane shallaaga'aan hin ijjeefaman.
EZE 24:22 Yennaa san isin waan ani godhe mara hin gootan; afaan keessan hin buqattanu; haqaqoolle hin nyaattanu.
EZE 24:23 Marata mataa keessan irraa hin buufattanu; kophee miila keessan irraa hin baafattanu; sababa cubbuu teessaniitiif hin yaayyitan malee, hin gadditanu yookiin hin wiiccifatanu; wol wolitti hin aaddan.
EZE 24:24 Akka kanaan Hizqi'el fakkeenna isiniif hin te'a; akkuma inni godhe isinille hin gootan. Wonni kun yennaa teetu ani Goottaa Mootii Waan Maraa akka te'e isin hin beettan jedha› naan jedhe» jedheen.
EZE 24:25 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Atille ilma namaa! Guyyaa ani Galma kiyya koora hunna isaanii, gammadaa fi ulfinna isaanii, ka isaan guddoo jaalatanu, halchaa lubbuu isaanii ka te'e, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta durraalle isaan duraa fudhadhu,
EZE 24:26 guyyaa san nami miliqee dhufu waan kana mara sitti hin hima.
EZE 24:27 Guyyuma san afaan keeti hin banama; nama miliqee dhufu san woliin hin haasotta; afaan keeti deebi'ee hin qabamu; atille isaaniif beessisa ittiin ifi eegatanu hin teeta. Isaanille ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan» jedhe.
EZE 25:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 25:2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara biyya Amoonii deebifadhuutii, raaga isaan irratti dubbadhu.
EZE 25:3 Worra Amoonotaatiin, ‹Jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Galmi kiyya yennaa battowe, latti Israa'elii yennaa onte, kolbaan Yihuda'aalle yennaa booji'ante, waan gammaddaneef,
EZE 25:4 kunoo, ani akka isin qabatanu harka kolbaa karaa aduun baatuutitti dabarsee isin hin kenna; isaan odduu teessanitti hin qubatan; dunkaanii ifii odduu teessanitti hin dhaabbatan; midhaan keessan hin nyaatan; aanan keessanille hin unan.
EZE 25:5 Qachaa Raaba'aa dheeda gaalotaa, biyya Amooniille boqaata hoole'ee hin godha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedha.
EZE 25:6 «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin hammeenna keessan maraan firinxiixanee, badii lafa Israa'eliititti, harka keessan dhowaa, sarbicha waan dhiittanneef,
EZE 25:7 kunoo, anille harka kiyya isin irratti hin diriirsa; gosi biyya adda addaa akka isin saamanuuf, harka isaaniititti dabarsee isin hin kenna; ani gosa biyya adda addaa keessaa ijjumaa isin hin balleessa; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan› jedha.
EZE 25:8 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Mo'aabii fi Se'iir, «Kolbaan Yihuda'aa akkuma gosa biyya adda addaa taanii ti» waan jedhaneef,
EZE 25:9 kunoo, ani qachoota Mo'aabiif akka dalleyaa te'anee ulfinna isi'ii te'aneeranu, Bet-Yeshimooti, Ba'aal-Me'onii fi Kiriiyatayim irraa jalqabee akka banamanu hin godha.
EZE 25:10 Haganaa achi Mo'aab gosa biyya adda addaa oddu'utti akka hin qaabatanne, worri Mo'aabii worra Amoonii woliin kolbaa worra gara aduun baatuutiin akka qabatamanu hin godha.
EZE 25:11 Ani worra Mo'aabii irratti muraa hin kenna. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.
EZE 25:12 «Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaan Edoomii kolbaa Yihuda'aa irratti quuqeffattee haluu waan baateef, yakkaameyyii teeteerti;
EZE 25:13 tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Edoomii irratti harka kiyya diriirsee, namoota isaaniitii fi horii isaanii ijjumaa hin balleessa; qachaa Temaaniitii haga qachaa Dedaaniititti akka onu hin godha; kolbaalle shallaaga'aan hin dhumatti.
EZE 25:14 Ani harka kolbaa tiyya Israa'eliitiin, kolbaa Edoomii irratti haluu tiyya hin baafadha; isaan akkuma aari'ii fi mufii tiyyaatitti kolbaa Edoomii irratti hin tolchan; kolbaan Edoomiille akka ani haluu tiyya baafadhe hin beetti› jedha, Mootiin Waan Maraa.
EZE 25:15 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Filisxeemotaa quuqaa duriitii fi hammeennaan worra Yihuda'aa irratti ka'anee haluu bayanee isaan balleessiisaaf waan yaadaneef,
EZE 25:16 ani Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, harka kiyya worra Filisxeemotaa irratti hin diriirsa; worra Qareexii fixee, ka qarqara abbaaya'aatitti jiru'uun hafanelle hin balleessa.
EZE 25:17 Ani xixansa halu'uutiin guddisee haluu isaan hin baya; mufii tiyyalle'een isaan hin adaba; yennaa ani haluu isaan baye, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
EZE 26:1 Booji'annee woggaa kudhanii tokkeesso'oo keessa, ji'a keessa guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 26:2 «Ee ilma namaa! Qachaan Xiiroosii qachaa Yerusaalemiitiin, ‹Baga! Karri gosa biyya adda addaa caccaddeerti; balbalti isi'iille naaf bananteerti; inni waan oneef, ani hin qananooma› waan jedheef,
EZE 26:3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee Xiiroos! Kunoo, ani si'i irratti hin ka'a; akka abbaayaan danbalii ifii kaachu, anille gosa biyya adda addaa si irratti hin kaasa.
EZE 26:4 Isaan dalleya dhaka'aa keeti balleessanee, xelleephoo eeddotaalle hin caccassan; ani biyyee haree rassaa duwwaa si hin godha.
EZE 26:5 Akka addee odduu abbaaya'aa ta worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatuu si hin godha; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. Gosi biyya adda addaa si hin saaman;
EZE 26:6 kolbaan adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtulle shallaaga'aan hin ijjeefaman; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha.
EZE 26:7 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, Xiiroosiin, ‹Kunoo, ani mootii moototaa ka te'e mootii Baabilonii Nebukadnezaar fardo'oo fi garreettota fardo'oo harkifamanu, abbootii fardo'ootii fi loltoota bacaa woliin kaaba irraa si'itti hin fida.
EZE 26:8 Inni kolbaa adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtu shallaaga'aan hin fixa; haga qaccee dalleya dhaka'aa keetiititti kaabii itti marsee hin ijaara; wontee guddoo si irratti ol hin kaasa.
EZE 26:9 Inni waan dalleya dhaka'aa ittiin diiganu gara dalleya dhaka'aa keeti deebifatee hin diiga; inni agaraa ifiitiin xelleephoo eeddota teetii hin diiga.
EZE 26:10 Fardoon isaa bacaa waan teeteef, bukuun isaan kaasane si hin golliti. Inni akka nama qachaa cassee seenuu tokko karra teeti cassee yennaa seenu, hididdeessi abbootii fardo'oo, ka garreettaa geejjibaatii fi ka garreettaa fardaan harkifamuu dalleya dhaka'aa keeti hin raasa.
EZE 26:11 Kottee fardoo ifiitiin karaa keeti mara irra hin hirbeessan; kolbaa teeti shallaaga'aan hin fixan; utubooti keeti jajjabootille gad lafatti hin jigan.
EZE 26:12 Isaan waan ati ittiin duroommatte booji'anee, meya ati daldalattulle hin saaman. Isaan dalleya keeti hin diigan. Manni keeti dadansaan hin didiigama; dhakoota, mukootaa fi biyyee teeti abbaaya'atti hin gatan.
EZE 26:13 Ani sirba keeti hin dhaabbachiisa; kiraarri keetii guddichi deebi'ee hin dhage'amu.
EZE 26:14 Ani rassaa duwwaa si hin godha; atille addee worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatu hin teeta. Ani Mootiin Waan Maraa waan dubbadheef, ati ijjumaa deebitee hin ijaarantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 26:15 «Goottaan Mootiin Waan Maraa Xiiroosiin, ‹Worri madowe yennaa aadu, si keessatti yennaa wol qalanu, gikkeessa jinnana keetiitiin oddoolli hin raafamuu ree?
EZE 26:16 Qondaaltoti abbaayaa qarqaraa marti barcumaa mootummaa ifii irraa hin bu'an; woyaa ifii ta mootumma'aatii fi woyaa ifii ta seesaa san hin mulqatan. Isaan rommaa lafa irra hin tee'an; waan si irratti te'e kana hedaa yennaa mara hin sheephisan.
EZE 26:17 Isaan faaruu gaddaa marroo teetiif faarsaa, «‹Ee ati qachaa abbaayaa qarqaraa, ka beekkante, ka abbaayaa irratti bulchaa teete, atii fi worri si keessa le'anu, ka worra achi le'anu bararassitane, ati attam ijjumaa badde!
EZE 26:18 Guyyaa jinnanaa keetii qarqarri abbaaya'aa hin raafama; badii teetiin oddoolli hin rifata› jedha.
EZE 26:19 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani yennaa akka qachoota nami keessa hin jirree ona si godhu, yennaa bisaan qilee abbaaya'aa si irra garagalchu,
EZE 26:20 gara worra duri du'eeruu worra gad bu'u woliin, nami si keessa le'u akka hin jirraanne, diigama durii odduu akka leetu, gara boolla lafa jalaa gad si hin buusa; ati achii deebitee lafa worra jiraata'aa keessatti addee hin dhaggattu;
EZE 26:21 muummee teeti dhagganee akka sodaatanu hin godha; ati barbaadantulle ijjumaa deebitee hin dhaggantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 27:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 27:2 «Ee ilma namaa! Marroo qachaa Xiiroosiitiif faaruu gaddaa faarsi;
EZE 27:3 ati qachaa Xiiroosii, ka seensuma abbaaya'aa irra jirtu, ka gosa biyya adda addaa ka qarqara abbaaya'aa hedduu woliin daldalatuun, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee qachaa Xiiroosii! Ati: Ani dansumma'aan dhidhinna hin qabu ifiin jetteerta.
EZE 27:4 «‹Meessaan keeti gadhaa abbaaya'aa keessa; worri si ijaare dansummaan teeti akka hin dhidhanne godheera.
EZE 27:5 Falaxaa muka keetii muka gaara Siinaaarii irraa hujane; utubaa keeti hindheensa Libaanonii irraa hujane.
EZE 27:6 Shaffisaa keeti muka qilxaa Baashaanii irraa hujane. Falaxaa muka Qophiroos irraa dhufee si'iif afanee, ilka arbaa itti maxxansanee seesane.
EZE 27:7 Marduufi hoboloo teetii quncee talba'aa ka biyya Gibxi'ii irraa hujame akka baandira'aa ka ati ittiin beekkante; gollaan keeti ka bifa cuquliisaatii fi dhiilleen, oddoola Eliishaahiitii dhufane.
EZE 27:8 Worri hoboloo teeti oofu Sidoonii fi Arwaad irraa dhufane; Ee qachaa Xiiroosii! Worri ogeeyyiin si keessa jiranu isaan worra hoboloo teeti oofe.
EZE 27:9 Maanguddooti Gebaaliitii fi ogeeyyiin isi'ii hoboloo teeti hujiisaaf si keessa jiraniiyyu; hobolooti abbaaya'aatii fi worri hoboloo oofu marti meya sitti gurguratiisaaf, si irralle'ee bitatiisaaf si keessa jiraniiyyu.
EZE 27:10 « ‹Namooti Faaresii, Ludii fi Fuxii loltoota te'anee loltoota teeti keessa tajaajilane. Isaan wonte'ee fi gullee sibiilaa si keessatti fannisanee akka ati ulfinna dhaggattu si godhane.
EZE 27:11 Namooti Arwaadiitii fi Helekii dalleya dhaka'aa ka si'itti naannowe eegane; namooti Gamaadiille xelleephoo teeti keessa jiraniiyyu. Isaan wontee ifii dalleya dhaka'aa keetitti fannisanee, dansummaan teeti akka hin dhidhanne godhane.
EZE 27:12 « ‹Tarshiish sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; meetii, sibiila, qorqooro'oo fi irsaasa fiddee meya keetiin jijjiiratte.
EZE 27:13 Yaawaan, Tubaalii fi Meshek sitti daldalatane; isaan garbootaa fi meya sageettu'uu meya keetiin jijjiiratane.
EZE 27:14 Worri Bet-Togaarmaalle fardoo fe'iisaa, fardoo woraanaatii fi gaangolee meya keetiin jijjiiratane.
EZE 27:15 Worri Rodii sitti daldalatane; worri abbaayaa qarqaraa hedduun si irraa bitatanee, si'ille'etti gurguratane; isaan ilka arbaatii fi muka gurraacha gatii guddo'oo si'iif fidanee meya keetiin jijjiiratane.
EZE 27:16 Worri Sooriya'aa sababa meya keeti baca'aatiif sitti daldalatane; isaan dooqa bifa cuquliisaa, woyaa dhiillee, woyaa liilanaan kuulantee dhowante, woyaa quncee talba'aa dadansaa, elellaanii fi dooqa diimaa meya keetiin jijjiiratane.
EZE 27:17 Worri Yihuda'aatii fi worri lafa Israa'elii sitti daldalatane; isaan qamadii biyya Miiniitii, sagalee mi'oottuu, damma, zayiti'ii fi uddowaa meya keetiin jijjiiratane.
EZE 27:18 Worri Damaasqo'oo sababa qabeenna bacaa keeti ka adda addaatiif sitti daldalatte; isaan daadhii woyni'ii ta Helbon irraa dhuttuu fi rifeensa hoole'ee ka Zaahaar irraa dhufu meya keetiin jijjiiratane.
EZE 27:19 Worri Daaniitii fi worri Yaawaanii ka Uzaal irraa dhufane sitti daldalatane; isaan sibiila tumame, qarafa'aa fi qurunfudi'iin meya keetiin jijjiiratane.
EZE 27:20 Worri Dedaanii gilaasii koora'aa sitti daldalatane.
EZE 27:21 Worri Arabaatii fi qondaaltoti Qedaarii marti buruusoo korbeeyyii hoole'ee, korbeeyyii hoole'eetii fi re'oota sitti daldalatane.
EZE 27:22 Daldaltooti Sheeba'aatii fi Ra'ima'aa sitti daldalatane; isaan uddowaa uddowaa mara caalu, dhakaa gatii guddo'ootii fi worqii meya keetiin jijjiiratane.
EZE 27:23 Worri qachoota Haraanii, Kanneetii fi Edenii, daldaltooti Shaba'aa, Asooriitii fi Kilmaadii sitti daldalatane.
EZE 27:24 Daldaltooti kun dikkoo teetitti woyaa dadansaa, woyaa bifa cuquliisaatii fi woyaa liilanaan kukuulantee dhowante, itillee dadansaa ta bifa adda addaatiin seefantee fi wodaroo akka dansaa dhowante gurguratane.
EZE 27:25 Hobolooti Tarshiishii meya ati gurgurte ba'atane. Maarre ati gadhaa abbaaya'aa keessatti akka hobolo'oo fe'iisa ulfaata'aan guutanteerta.
EZE 27:26 « ‹Worri si oofu gara ila abbaaya'aa si geessane. Qilleensi karaa aduun baatuu wodhakkaa abbaaya'aatitti si butuche.
EZE 27:27 Qabeenni keeti, mey keeti, daldalli keeti, worri yennaa hoboloon hammaattu miidhassanu, worri hoboloo oofanu, worri hoboloo keessa tajaajilanu, daldaltooti teeti loltooti teeti ta si keessaa marti namoota si keessa jiranu mara woliin guyyaa caccaba keetii qilee abbaaya'aatitti gad liqinfamanee,
EZE 27:28 iyya worra si oofuutiin worri qarqara abbaaya'aa hin raafaman.
EZE 27:29 Worri shaffisa'aan bisaan laaqu hoboloo ifii irraa bayanee hin deeman. Worri hoboloo oofanuu fi worri hoboloo keessaa marti hoboloo keessaa bayanee abbaayaa qarqara hin dhaabbatan.
EZE 27:30 Isaan marti bukuu mata'atti naqatanee, daadhaa irra gangalataa qoonqoo ol qabatanee, wiiccifatanee si'iif hin bowan.
EZE 27:31 Isaan si'iif mataa haadatanee, woyaa gaddaa hidha ifiitii hidhatanee, gadda gudda'aan wiiccifatanee si'iif hin bowan.
EZE 27:32 Isaan gaddaan wiiccifatanee si'iif bowaa, «Akka Xiiroosii ka abbaayaan liqinsitee bade hin jiraa?» jedhaa, faaruu gaddaa si'iif faarsan.
EZE 27:33 Mey keeti abbaayaa keessaa yennaa baye, ati gosa biyya adda addaa hedduu akka quufanu gooteerta; qabeenna keeti baca'aa fi meya keetiin mootota biyya lafaa dureeyyii gooteerta.
EZE 27:34 Ati amma qilee bisaan abbaaya'aa keessatti caccaddeerta. Mey daldala keetiitii fi hojjattooti teeti marti si woliin liqinfamaneeran.
EZE 27:35 Worri qarqara abbaaya'aa le'u martinuu waan si irratti te'een hin sheephisan; moototi isaanille bararaqanee fuulli isaanii bifa miliqeera.
EZE 27:36 Daldaltooti gosa biyya adda addaa rifatanee afaan banan; muummeen teeti guddoo nama sodaachitti; haga bara baraa deebitee hin jiraattu› jedha» jedhe.
EZE 28:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 28:2 «Ee ilma namaa! Ati qondaala Xiiroosiitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Gadhaan keeti kooree: Ani waaqa; gadhaa abbaaya'aa keessatti barcumaa waaqaa irra tee'a jetteerta; ati gadhaa keeti keessatti akka waaqaa qaroo ifi seetulle ati nama malee waaqaa moti.
EZE 28:3 Ati dhugumaan Daani'el caalaa qaro'oo ree? Wonni si jalaa miliqee hafeeru dhossaan takkaalle hin jirtuu ree?
EZE 28:4 Ati qarumma'aa fi hubantii teetiin karra horatteerta; mana meyaa keeti keessatti worqi'ii fi meetii wolitti qabatteerta.
EZE 28:5 Ati qarummaa teeti guddo'oon daldala keetiin karra teeti irratti karra ide'atteerta; gadhaan keeti karra teetiin kooreera.
EZE 28:6 «‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ati akka waaqaa qaroo waan ifi seeteef,
EZE 28:7 kunoo, ani orma, gosa biyya adda addaa keessaa irra caalaa gadhi-jabeeyyii si'itti hin fida; isaan waan dansaa ati qarummaa teetiin horatte irratti shallaagaa ifii buqqifatanee ulfinna keeti hin batteessan.
EZE 28:8 Isaan boolla keessa gad si hin buusan; ati abbaayaa wodhakka'atti du'a badduu hin duuta.
EZE 28:9 Ati worra si qalu duratti ammalle: Ani waaqa hin jettaa ree? Ati harka worra si qaluu keessatti nama malee waaqaa ree?
EZE 28:10 Ati harka ormaa keessatti du'a worra Waaqa malee le'uu hin duuta› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 28:11 Ammalle Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 28:12 «Ee ilma namaa! Marroo mootii Xiiroosiitiif, faaruu gaddaa faarsiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati ka qarumma'aan guutante, ka dansummaan teetille dhidhinna hin qanne, fakkeenna waan dhidhinna hin qannee teeteertaayyu.
EZE 28:13 Ati oorruu Waaqaa Eden keessa jirtaayyu; dhakooti gatii gugurdo'oo Saardiyon, tophaaziyon, Yaasphis, kirisoliixos, sardoniikis, beerilos, safiiros, kaarbunilii fi simaaragidos uffana ati uffatteertu; wonni sitti naqamee fi sitti maxxanfame martinuu worqii irraa hujamaneeran; isaan guyyaa ati dadante qopheeffamane.
EZE 28:14 Ani akka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu sanii eedduu godhee si muude. Ati gaara kiyya woyyicha irra leete; ati dhakoota ibiddaa odduu deddeebite.
EZE 28:15 Ati guyyaa dadanteen jalqaddee haga hammeenni si irratti dhaggametti ati dhidhinna hin qadduuyyu.
EZE 28:16 Daldalli keeti bacatee hunnaan nama irratti ka'iisaan guutantee, cubbuu hujje. Tanaaf ani gaara kiyya woyyicha irraa akka waan batti'iititti gad darbee si balleesse; ee ati ka akka dada ol-gubba'aa ta koola qadduu eedduu ka teete, ani odduu dhakoota ibiddaatii si balleesse.
EZE 28:17 Ati dansicha waan teeteef, gadhaan keeti si koore; ati ulfinna keetiif jettee qarummaa teeti balleessite. Tanaaf ani lafatti gad si darbee, moototi akka si ilaalanu godhe.
EZE 28:18 Yakkaa teeti bindilla'aan, daldala keeti ka balchummaa dhabeen, ati addee waaqonfanna'aa teeti batteessite; tanaaf ani ibidda si keessaa kaasee akka si fixu godhe. Worra si ilaalu mara duratti lafa irratti daadhaa si godhe.
EZE 28:19 Gosa biyya adda addaa keessaa worri si beeku marti hin sheephisan; muummeen teeti sodaachittuu hin teeti; ati haga bara baraa deebitee hin jiraattu› jedha» jedhe.
EZE 28:20 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 28:21 «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara qachaa Sidoonii deebifadhuutii raaga itti raagii,
EZE 28:22 kolbaa qachaa saniitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani isin irratti ka'eera; ee qachaa Sidoonii ani si keessatti hin ulfaadha. Yennaa ani sitti muree woyyummaa tiyya si keessatti mudhise, akka ani Mootii Waan Maraa te'e isin hin beettan.
EZE 28:23 Ani balaa isinitti hin erga; karaa keessan irratti dhiigi akka dhangala'u hin godha; karaa maraan shallaagaa isin irratti ka'uun wodhakkaa teessanitti namooti hin qalaman; achiin duuba isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.
EZE 28:24 « ‹Haganaa achi ollaan tuffatee akka qumi'uudu'uu yookiin akka qore'ee ka kolbaa Israa'elii miidhu hin jiraatu. Isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.
EZE 28:25 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Yennaa ani kolbaa Israa'elii gosa biyya adda addaa ta isaan keessa bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, gosa biyya adda addaa duratti yennaa ani woyyummaa tiyya isaanitti mudhisu, isaan lafa ifii ta ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne keessa hin le'an
EZE 28:26 Isaan achi keessa nageyaan hin le'an; mana hin ijaaratan; woyniille hin dhaabbatan. Yennaa ani gosa biyya adda addaa ta ollaa isaanii worra isaan tuffatu mara adabu, Israa'elooti nageyaan hin le'an. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii te'e hin beekan› jedha» jedhe.
EZE 29:1 Booji'annee woggaa kudhaneesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo, guyyaa kudhanii lammeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 29:2 «Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara mootii Gibxi'ii deebifadhuutii, isaa fi kolbaa Gibxi'ii mara irratti raaga raagi.
EZE 29:3 Mootii Gibxi'iitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani si irratti ka'eera! Ee Fara'oon mootii Gibxi'ii, ati jawwee guddittii laga ifii keessa ciittu; ati: Lagi Nayilii kiyya; ani laga kana ifiif dadadhe jetta.
EZE 29:4 Ani hookkoo sibiilaa a'oo teeti keessa hin keya; qurxummii laga keetii solloqqee teetitti hin maxxansa; qurxummii solloqqee teetitti maxxante san woliin laga keeti keessaa harkisee si hin baasa.
EZE 29:5 Ani si'ii fi qurxummii laga keetii mara lafa goomole'eetitti hin gata; reeffi keeti adoo hin awwaalamin diiduma irratti jigee hafa; ani allaatotaa fi bineensotaafille sagalee si hin godha.
EZE 29:6 Achiin duuba isin worri biyya Gibxi'ii keessa leetanu marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Sababille ati kolbaa Israa'eliitiif akka ulee shonbooqqo'oo teeteerta.
EZE 29:7 Yennaa isaan harka ifiitiin si qabane, ati babbaqaxxee gurmuu isaanii mara woraante; yennaa isaan sitti irkatane, ati caccaddee hidhi isaanii akka lellequ goote.
EZE 29:8 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani shallaagaa si'itti hin fida; namaa fi horii si keessaa ijjumaa hin balleessa.
EZE 29:9 Waan ati: Lagi Nayilii kiyya; natti isa dade jetteef, biyyi Gibxi'ii ontee duwwaa hin teeti. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 29:10 Tanaaf, kunoo ani si'ii fi laga keeti irratti ka'eera; qachaa Miigdoliitiin jalqabee haga qachaa Aswaaniititti, haga meessaa Itoophiya'aatitti biyya Gibxi'ii ijjumaa onsee duwwaa hin godha.
EZE 29:11 Miilli namaatii fi kotteen hori'ii isii keessa hin dabaranu; haga woggaa afurtamaa wonni tokko achi hin jiraattu.
EZE 29:12 Ani biyya Gibxi'ii biyyoota onane keessaa akka tokkootitti hin onsa; qachooti Gibxi'ii haga woggaa afurtamaa qachoota diigamane odduu ona te'anee hin tee'an. Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa keessa bittinneessee, biyya hedduu keessa hin faffacaasa.
EZE 29:13 «‹Woggaan afurtam dhumatteen duuba ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa ta isaan itti bittinnowane keessaa isaan wolitti hin qaba;
EZE 29:14 ani lafa isaan itti booji'amane keessaa deebisee, lafa isaanii ta durii kibba Gibxi'iititti isaan hin galcha; isaan achitti mootummaa dadhadduu hin te'an.
EZE 29:15 Mootummaan sun mootummoota dhibii caalaa dadhadduu waan teeteef, gosa biyya adda addaa irratti ijjumaa deebitee ifi ol hin qaddu. Ani akka isaan ijjumaa deebi'anee gosa biyya adda addaa hin bulchine guddoo isaan hin diqqeessa.
EZE 29:16 Kolbaan Israa'elii qarqaarsa gaafatiisaaf, gara biyya Gibxi'ii deemiisaan yakkaa hujane isaan qaabachiitti malee, haganaa achi isaan ijjumaa deebi'anee biyya Gibxi'ii qarqaarsa hin gaafatanu. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
EZE 29:17 Booji'annee woggaa Diddamii torbeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 29:18 «Ee ilma namaa! Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar loltoota ifii duula jabaa Xiiroos irratti duulchisee, mataan isaanii luluqqa'ee, gurmuun isaanii ququnca'e; te'uu malee mootichaa fi loltooti isaalle eloo saniif Xiiroos irraa bu'aa tokkolle hin dhaggane.
EZE 29:19 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani lafa Gibxi'ii mootii Baabilonii Nebukadnezaariif dabarsee hin kenna; innille karra isi'ii saamee fudhatee hin deema; wonni inni saamee fudhate sun loltoota isaatiif mindaa hin teeti.
EZE 29:20 Isa fi loltooti isaa waan naaf hujaneef, gatii eloo isaatiif ani lafa Gibxi'ii isaaf kenneera.
EZE 29:21 « ‹Guyyaa san ani kolbaa Israa'eliitiif jabeenna hin kenna; atille isaan keessatti afaan keeti akka saaqattu hin godha. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 30:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 30:2 «Ee ilma namaa! Raaga raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Wiiccifadhuu bowiitii: Guyyaa saniif aanne'e jedhi.
EZE 30:3 «‹Guyyaan sun dhikaateera; guyyaan Mootii Waan Maraa dhikaateera. Guyyaan sun guyyaa duumensaa ti; gosa biyya adda addaatiif yennaa mura'aa ti.
EZE 30:4 Biyya Gibxi'iititti shallaagaan hin dhufa; biyya Itoophiya'aalle'etti muddam hin dhufa. Worri qalame biyya Gibxi'ii keessatti yennaa jiganu, karri isi'ii hin fudhatanti; hundeen isi'iille hin diiganti.
EZE 30:5 « ‹Itoophiyaan, Fuxi, Ludi, worri Arabaa marti, gumiin kolbaa garagaraalle, biyyi Kubiitii fi kolbaan biyya sanii worri ani dur isaan woliin gondooroo godhadhe biyya Gibxi'ii woliin shallaaga'aan hin dhumatan› jedha.
EZE 30:6 «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Gibxi qarqaaru marti hin dhumatan; hunni isiin ittiin koortulle hin salphatti; Miigdolii haga Aswaaniititti isii keessatti shallaaga'aan hin dhumatan.
EZE 30:7 Biyyi Gibxi'ii biyyoota onane wodhakka'atti ona hin teeti; qachooti isi'iille qachoota diigamane wodhakka'atti hin diigaman.
EZE 30:8 Yennaa ani biyya Gibxi'iititti ibidda qassiisu, worri isii qarqaaru marti yennaa caccabu, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 30:9 « ‹Guyyaa san ergantooti na biraa hobolo'oon, kolbaa Itoophiya'aa ta bidhaa hin qanne akka bararaqanu godhiisaaf hin bayan; guyyaa Gibxi'itti muratu san muddam isaanitti hin dhufa. Kunoo, muddam sun hin dhufa› jedha.
EZE 30:10 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti kolbaa Gibxi'ii bindillaa hin fixa.
EZE 30:11 Innii fi loltooti isaa gadhi-jabeeyyiin lafa balleessiisaaf hin dhufan; shallaagaa ifii worra Gibxi'iititti buqqifatanee lafa san worra qalameen hin guutan.
EZE 30:12 Ani laga Nayilii hin gossa; lafalle worra hamaaleyyi'itti hin gurgura; lafaa fi waan isii keessaa mara harka worra ormaatiin hin onsa. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha.
EZE 30:13 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani waaqota dharaa hin balleessa; fakkii waaqotaalle qachaa Memfiisii keessaa ijjumaa hin balleessa; biyya Gibxi'ii keessa haganaa achi qondaalli hin jiraatu; lafa Gibxi'iititti sodaa hin buusa.
EZE 30:14 Ani kibba Gibxi'ii hin onsa; Zo'aanitti ibidda hin naqa; qachaa No'iille'etti hin mura.
EZE 30:15 Ani kushee jadduu biyya Gibxi'ii qachaa Siinii irratti mufii tiyya hin dhangalaasa; kolbaa bindillaa No'iille hin balleessa.
EZE 30:16 Ani biyya Gibxi'iititti ibidda hin naqa; qachaan Siinii akka dubartii deettuu hin ciniinsifata; dalleenni dhaka'aa ka No'ii hin caba; qachaan Memfiisiille yennaa mara diinaan hin rakkata.
EZE 30:17 Dargaggooti qachaa Aweeniitii fi Phii-Besetii keessa jiranu martinuu shallaaga'aan hin dhumatan. Dubartooti qachaa san keessaa hin booji'aman.
EZE 30:18 Yennaa ani waanjoo biyya Gibxi'ii caccassu, qachaa Taahafenee keessatti guyyaan hin dukkana; hunni isiin ittiin koortulle hin baddi; duumensalle'een hin gollama; worri aadaa isaa le'u hin booji'aman.
EZE 30:19 Akka kanaan ani biyya Gibxi'ii hin adaba; isaanille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
EZE 30:20 Booji'anee woggaa kudhanii tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 30:21 «Ee ilma namaa! Ani irree Fara'oonii mootii Gibxi'ii casseera; kunoo, hiituu itti mariisaan fayyitee, jabaattee shallaagaa qabatuu akka dandeettu, irreen sun hidhantee hin jirtu.
EZE 30:22 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani Fara'oonii mootii Gibxi'ii irratti hin ka'a; irree isaa lamaanuu ta caddee fi fayyaalettiille hin caccassa; shallaagaan harka isaatii akka bu'u hin godha.
EZE 30:23 Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Biyya hedduu keessa hin faffacaasa.
EZE 30:24 Irree mootii Baabilonii hin jabeessa; shallaagaa kiyya harka isaa keessa hin keya; irree mootii Gibxi'ii ammoo hin caccassa; inni akka nama akka malee madowee isa duratti hin aada.
EZE 30:25 Ani irree mootii Baabilonii hin jabeessa; irreen motii Gibxi'ii ammoo irraa hin buuti; yennaa ani shallaagaa kiyya harka mootii Baabilonii keessa keyee, yennaa inni worra Gibxi'iititti mirmirsu, yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 30:26 Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
EZE 31:1 Booji'annee woggaa kudhanii tokkeesso'oo, ji'a sadeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 31:2 «Ee ilma namaa! Fara'oonii mootii Gibxi'iitii fi kolbaa isaa bindilla'aan, ‹Guddinnaan ati eennu fakkaatta?
EZE 31:3 «‹Kunoo, Asoor dur akka hindheensa Libaanon keessaa ka dameelee dadansa'aa ka gaaddisa gongoma'aa, ka ol dheeratee, qacceen isaa duumensa odduu jirtuu ti.
EZE 31:4 Bisaan isa ol dheeresse; maddi qile'ee isa guddisee, adaala inni latetti lagi akka yaa'u godhee, bisaan gara mukoota gongomaa keessaa akka yaa'anu godhe.
EZE 31:5 Bisaan guddaa waan dhaggateef, mukoota baddaa keessa jiranu mara caalaa dheerate; dameeleen isaa lattee dheeratte.
EZE 31:6 Sinbirrooti marti dameelee isaa keessatti mana ifii ijaarratane; bineensoti marti dameelee isaa jalatti ilmoolee dhalane. Gosi biyya adda addaa gugurdoon marti gaaddisa isaa jala leete.
EZE 31:7 Hiddi isaa gara bisaan gudda'aa gad waan seeneef, banqaaqiisaa fi dheerinna dameelee ifiitiin hin miidhagaayyu.
EZE 31:8 Hindheensi oorruu Waaqaa keessa jiruuyyuu isa woliin wol hin qixxawu; muki gosa adda addaa ka dameelee dheertuu akkasii qabu hin jiru. Mukooti oorruu Waaqaa keessaa ka miidhaginna isaatiin wol qixxawu tokkolle hin jiru.
EZE 31:9 Ani dameelee banqaaxxuu isaatiin akka inni miidhagu godheera; mukooti oorruu Waaqaa keessa jiranu marti isa hinaafane.
EZE 31:10 « ‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa: Inni ol dheeratee, qacceen isaalle duumensa dhaqqaddee, dheerinna ifiitiin waan kooreef,
EZE 31:11 ani harka bulchitoota gosa biyya adda addaatitti dabarsee isa hin kenna. Inni akka hammeenna ifiititti gatii hujii ifii hin dhaggata; ani baasee isa hin gata.
EZE 31:12 Gosi ormaa ta biyya adda addaa gadhi-jabeeyyiin isa muranee, jissanee lakkisane; dameeleen isaa gaaraa fi dhooqa mara keessatti caccaddee hin harcaati; dameeleen isaa bowwaa lafa sanii keessatti hin caccaddi; gosi biyya adda addaa ta gaaddisa isaa jala jirtu marti isa lakkisanee hin deeman.
EZE 31:13 Sinbirrooti marti jirma isaa ka jige san irratti qubatanee, bineensoti marti dameelee isaa oddu'utti galane.
EZE 31:14 Tanaaf, muki laga qarqaraa marti, baala rubbanaan gubba'atti dameelee ifii ol yaafatee, haganaa achi kooree mataa ifii ol hin baafatu. Haganaa achi muki bisaan akka maltetti dhaggate marti akka kana hojjaa hin qabaatu. Tokko tokkoon isaanii worra du'aaf kennamane, ka gara qile'ee gad bu'anu woliin akka gad bu'u itti murteeffameera.
EZE 31:15 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Guyyaa hindheensi sun gara addee worri du'e jiruu gad bu'u, gaddi akka te'u godhe; ani bisaan qile'ee duuche; laga isaalle cufe; bisaan hedduulle dhaabbachiise. Sababa isaatiif gaarri Libaanonii dukkana akka uffatu godhe. Mukooti badda'aa marti qoorane.
EZE 31:16 Yennaa ani worra gara boolla addee worri du'e jiru, gad bu'u woliin gara addee worri du'e jiruu gad isa buuse, huuruu jinnana isaa dhageettee gosi biyya adda addaa akka hollattu godhe. Mukooti Edenii marti, mukooti Libaanonii ka filatamane martii fi mukooti bisaan akka dansaa dhaggatane ka qilee lafaan jalaa keessa jiranu mara jinnana isaatiin gammadane.
EZE 31:17 Gosa biyya adda addaa keessaa worri gaaddisa isaa jala le'ee, ka golii te'elle, isa woliin worra shallaaga'aan qalamanee addee worri du'e jirutti gad bu'ane.
EZE 31:18 « ‹Mukoota Edenii keessaa ulfinnaa fi guddinnaan si woliin ka wol fakkaatu kam ree? Te'uu malee atille mukoota Edenii woliin gara lafa jalaatitti gad hin buuta; ati worra shallaaga'aan qalame woliin worra Waaqa malee le'u odduu hin irkatta. «‹Kun fakkeenna Fara'ooniitii fi kolbaa bindillaa isaa ti, jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa› jedhi» jedhe.
EZE 32:1 Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a kudhanii lammeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 32:2 «Ee ilma namaa! Fara'oonii mootii Gibxi'iitiif faaruu gaddaa faarsiitii, isaan, ‹Ati gosa biyya adda addaa keessatti akka neenqaa ti; te'uu malee akka bineensa naacha fakkaatu ka abbaayaa keessaa ti; ati laga keeti keessa bisaan facaasaa, miila keetiin kokorsaa laga isaanii booressita.
EZE 32:3 Mootiin Waan Maraa: Ani gosa biyya adda addaa heddu'uun caccoo tiyya si irratti hin diriirsa; isaan caccoo tiyyaan ol si hin harkisan.
EZE 32:4 Ani lafa irratti si hin gata; diida irra si hin buusa; allaattiin adda addaa akka si irra tee'anu hin godha; bineensoti lafa irraa marti si nyaatanee akka quufanu hin godha.
EZE 32:5 Ani foon keeti gaarota hedduu irratti hin xeera; dhooqa hedduulle foon keetiin hin guuta.
EZE 32:6 Ani dhiiga keeti ka dhangala'uun haga gaaraatitti lafa hin obaasa; lagi marti dhiiga keetiin hin guutaman.
EZE 32:7 Ani yennaa haxowee si balleessu, ol-gubbaa hin golla; urjoota ol-gubba'aalle hin dukkaneessa; aduu duumensaan hin golla; jiinille ifa ifii hin kennu.
EZE 32:8 Ifa ol-gubba'aa mara si irratti hin dukkaneessa; lafa teeti irratti dukkana hin fidda› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 32:9 «Biyya ati hin beenne keessatti, gosa biyya adda addaa oddu'utti ani badii yennaa sitti fidu, gadhaa kolbaa heddu'uu hin raasa.
EZE 32:10 Ani isaan duratti shallaagaa kiyya yennaa mirmisse, kolbaan hedduun marroo waan keetiitiif akka rifatanu hin godha; mootoleen isaaniille sodaatanee hin hollatan. Guyyaa jinnana keetii tokko tokkoon isaanii yennaa mara lubbuu ifiitiif hin sodaatan.
EZE 32:11 «Goottaan Mootiin Waan Maraa mootii Gibxi'iitiin, ‹Shallaagaan mootii Baabilonii si irratti hin dhufa.
EZE 32:12 Ani kolbaa teeti bindillaa shallaagaa worra hunnaameyyi'ii, gosa biyya adda addaa gadhi-jabeeyyi'iitiin akka ijjeefamanu hin godha. Isaan koora Gibxi'ii hin balleessan; kolbaan isi'ii bindillaan sun marti hin baddi.
EZE 32:13 Ani horii isi'ii mara bisaan hedduu biraa hin balleessa; haganaa achi miilli namaa yookiin kotteen hori'ii bisaan san hin booressu.
EZE 32:14 Achiin duuba ani bisaan worra Gibxi'ii qararee akka qullowu hin godha; lagi isaanii akka zayiti'ii laana akka lola'u hin godha.
EZE 32:15 Yennaa ani biyya Gibxi'ii onsee, waan isii keessa guute mara balleesse, worra achi keessa le'u mara yennaa dhowe, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 32:16 Faaruun gaddaa ta isaan faarsanu tana; dubartooti gosa biyya adda addaa faaruu gaddaa isi'iif hin faarfatan; isaan Gibxi'ii fi kolbaa isi'ii bindilla'aaf faaruu gaddaa hin faarfatan› jedha» jedhe.
EZE 32:17 Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 32:18 «Ee ilma namaa! Kolbaa bindillaa Gibxi'iitiif bowi; isaanii fi dubartoota gosa biyya adda addaa hunnaameyyi'ii worra gara boollaa gad deemu woliin gara qilee lafa jalaa gad ergi.
EZE 32:19 Isaaniin, ‹Isin dansumma'aan worra kaan caalaa hin jaalatantanii ree? Gad bu'a'aatii worra Waaqa malee le'u odduu irkadha'a› jedhiin.
EZE 32:20 «Isaan worra shallaaga'aan ijjeefamane wodhakka'atti hin jigan; Gibxiin shallaaga'aaf dabarfantee kennanteerti; isi'ii fi kolbaa isi'ii bindillaalle harkisa'aa gata'a.
EZE 32:21 Sooressitooti hunnaameyyiin, addee worri du'e jiru keessaa marroo Gibxi'iitii fi marroo kolbaa isi'ii bindilla'aa, ‹Isaan as gad dhufanee worra Waaqa malee le'u, ka shallaaga'aan ijjeefamane woliin irkataneeran› jedhanee hin dubbatan.
EZE 32:22 «Asoorille awwaala loltoota ifii maraan marfantee achi jirti; isaan martinuu shallaaga'aan ijjeefamanee,
EZE 32:23 boolla qilee keessa jiran; loltooti isi'iille adaala awwaala isi'ii ciisan; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti worri akka nami bararaqu godhe marti shallaaga'aan ijjeefamane.
EZE 32:24 «Elaamille awwaala kolbaa isi'ii bindilla'aa maraan marfantee achi jirti; marti isaaniituu shallaaga'aan ijjeefamane; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti worri akka nami bararaqu godhe marti du'a worra waaqa malee le'uu du'anee, boolla qile'eetitti gad bu'aneeran; worra boolla qile'eetitti gad bu'e woliin salphataneeran.
EZE 32:25 Isaan kolbaa isi'ii bindillaa adaala awwaala isi'ii jiranu mara woliin, worra qalame odduu taqee isi'ii keyane; marti isaaniituu akka worra Waaqa malee le'uu, shallaaga'aan ijjeefamane. Lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu waan godhaneef, worra boolla qile'eetitti gad bu'u woliin salphataneeran; isaan worra qalame odduu ciisaneeran.
EZE 32:26 «Meshekii fi Tubaalille awwaala kolbaa isaanii bindilla'aatiin marfamanee achi jiran; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu waan godhaneef, marti isaaniituu akka worra Waaqa malee le'uu, shallaaga'aan ijjeefamane.
EZE 32:27 Isaan worra hunnaameyyii bara heddu'uun dura du'ee, meya ifii ka woraanaa mara woliin addee worri du'e jirutti gad bu'e woliin hin irkanne. Worri hunnaameyyiin kun yennaa lubbu'uun jiranu worra kolbaa bararasse, ka shallaagaa ifii boraafatanee, wontee ifii qoma irratti qabatanee awwaalame.
EZE 32:28 «Ee mootii Gibxi'ii! Atille caccaddee, worra Waaqa malee le'u ka shallaaga'aan ijjeefame odduu hin irkatta.
EZE 32:29 «Edoom, moototi isi'iitii fi qondaaltoti isi'ii marti achi jiran; isaan adoo worra hunnaameyyii te'anee jiranuu, worra shallaaga'aan ijjeefame woliin irkataneeran; worra Waaqa malee le'uu ka gara boolla qile'ee gad bu'e woliin irkataneeran.
EZE 32:30 «Qondaaltoti gara kaabaatii fi worri Sidoonii marti achi jiran; isaan worra qalamee woliin salphatanee gara boollaa gad bu'ane; hunni isaanii ta akka nami bararaqu gootu adoo teetuu, worra dhumatane, ka salphatane, ka Waaqa malee le'anu, ka shallaaga'aan ijjeefamanee boolla qile'etti gad bu'ane woliin irkataneeran.
EZE 32:31 «Mootiin Gibxi'ii yennaa isaan dhagge, gadda loltoota ifii bindillaa shallaaga'aan dhumatanee mara irraa hin jajjabaata.
EZE 32:32 «Ani lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti akka nami bararaqu akka inni tolchu godhulle, mootii Gibxi'iitii fi loltooti isaa bindillaan marti worra Waaqa malee le'u ka shallaaga'aan ijjeefamane woliin hin irkatan jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 33:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 33:2 «Ee ilma namaa! Kolbaa teetitti dubbadhuutii, isaaniin, ‹Ani lafa takka irratti woraana yoo fide, kolbaan lafa sanii ifi keessaa nama tokko fuutee eedduu yoo godhatte,
EZE 33:3 inni woraanni dhufuun dhaggee, tultullaa afuufee kolbaa yoo ifi eeggachiise,
EZE 33:4 nami tokko qoonqoo tultulla'aa san dhage'ee yoo ifi eeggatuu dhabee, woraanni sun dhufee yoo isa ijjeese, dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama.
EZE 33:5 Inni qoonqoo tultulla'aa san dhage'ee waan ifi eeggatiisa dhabeef dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama; inni adoo ifi eeggatee jiraatee, silaa lubbuu ifii hin hamburataayyu.
EZE 33:6 Eedduun sun ammoo woraana dhufiisatti jiru dhaggee, tultullaa afuufee kolbaa yoo ifi eeggachiisuu dhabe, woraanni dhufee isaan keessaa nama tokko yoo ijjeese, nami sun yakkaa ifiitiif hin ijjeefama, ani ammoo dhiiga isaa harka eedduu sanii keessaa hin barbaada› jedhi.
EZE 33:7 «Ee ilma namaa! Ani kolbaa Israa'eliitiif eedduu si godheera; ati yennaa jecha afaan kiyyaa dhageettu mara isaan ifi eeggachiisi.
EZE 33:8 Ani nama hama'aan, ‹Ee nama hama'a! Ati dhugumaan hin duuta› yoo jedhe, ati ammoo akka inni hujii hantuu ifii irraa deebi'u yoo ifi hin eeggachiisin, nami hamaan sun cubbuu ifiitiin hin du'a; ani ammoo dhiiga isaa harka keeti keessaa barbaada.
EZE 33:9 Ati ammoo nami hamaan sun hujii hantuu ifii irraa akka deebi'u yoo ifi eeggachiitte, inni hujii hantuu ifii irraa yoo hin deebi'in, inni cubbuu ifiitiin hin du'a; ati ammoo lubbuu teeti hin baafatta.
EZE 33:10 «Ee ilma namaa! Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Isin: Yakka'aa fi cubbuun teenna nutti ulfaataneeran; sababa kanaan huqqatiisatti jirra. Maarre attamiin jiraanna ree? jettan› jedhiin.
EZE 33:11 Ati isaaniin, ‹Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa jiraata'a! Nami hamaan hujii hantuu ifii irraa deebi'ee akka jiraatu malee, du'a nama hama'aatitti hin gammaddu. Ee kolbaa Israa'elii, isin maaf duutan ree? Karaa hamaa keessan irraa deebi'a'a! Deebi'a'a!› jedhiin.
EZE 33:12 «Ammalle ilma namaa! Ati kolbaa keetiin, ‹Nami balchaan deebi'ee cubbuu yoo huje, balchummaan isaa ta durii sun isa hin fayyittu; nami hamaan hammeenna ifii ka durii san irraa yoo deebi'e, hammeenna ifii ka durii saniin hin badu; nami balchaan cubbuu yoo huje, balchummaa ifii ta duriitiin jiraachuu hin dande'u› jedhi.
EZE 33:13 Ani nama balcha'aan, ‹Ati dhugumaan lubbu'uun hin jiraatta› jedheenii, inni ammoo balchummaa ifiititti addatee, cubbuu yoo huje, sababa cubbuu ifiitiif hin du'a malee, hujiin balchummaa isaa ta durii takkaalle isaaf hin yaadatantu.
EZE 33:14 Ammalle, ani nama hama'aan, ‹Dhugumaan ati hin duuta› jedheenii, inni ammoo cubbuu ifii irraa deebi'ee, haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje,
EZE 33:15 liqaa kenneef waan qaddii qabate yookiin waan saamee fudhate yoo deebise, seera jiru'uu gula yoo ideeme, cubbuu hujiisa yoo lakkise, inni dhugumaan hin jiraata malee hin du'u.
EZE 33:16 Cubbuun inni huje takkaalle isatti hin laakkowantu. Inni haqaa fi waan sirrii te'e waan hujeef, dhugumaan hin jiraata.
EZE 33:17 «Kolbaan teeti, ‹Karaan Mootii Waan Maraa sirri'ii moti› jetti; ka sirrii hin te'in garuu karaa isaanii ti.
EZE 33:18 Nami balchaan balchummaa ifii irraa deebi'ee waan haqa hin te'in yoo huje, waan hantuu hujeef hin du'a.
EZE 33:19 Nami hamaan cubbuu huje irraa deebi'ee haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, inni tana waan godheef lubbu'uun hin jiraata.
EZE 33:20 Isin ammoo, ‹Karaan Mootii Waan Maraa sirri'ii moti› jettan. Ee kolbaa Israa'elii, ani tokko tokkoo keessanitti akka ideensa keessaniititti hin mura» jedhe.
EZE 33:21 Booji'annee woggaa kudhanii lammeesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti, Yerusaalem keessaa nami baqatee baye tokko gara kiyya dhufee, «Qachaan qabameera!» jedhe.
EZE 33:22 Nami baqatee dhufe sun na bira adoo hin geyin, galgala irreen Mootii Waan Maraa gara kiyya dhuttee, nami sun na bira adoo hin geyin, ganama Mootiin Waan Maraa afaan kiyya bane; maarre afaan kiyya banamee anille yennaa sanii jalqabee hin cadhinne.
EZE 33:23 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 33:24 «Ee ilma namaa! Lafa Israa'elii keessa, qachaa diigame san keessa kolbaan leetu, ‹Abrahaam nama tokko qofaayyu; te'uu malee lafa fudhate; nuuti ammoo baca'a; akka fudhannuuf latti dhugumaan nu'uuf kennanteerti› jetti.
EZE 33:25 «Tanaaf ati isaaniin: ‹Mootiin Waan Maraa: Isin foon dhiiga woliin nyaattan; waaqota dharaa waaqonfattan; dhiigalle hin dhangalaattan; tana mara tolchaa lafa fudhattanii ree?.
EZE 33:26 Isin shallaagaa keessan addatan; waan battii hujjan; tokko tokkoon keessan niitii namaa batteessitan; tana mara tolchaa lafa fudhattanii ree? jedha› jedhiin.
EZE 33:27 «Ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Dhugumaan ani Waaqa jiraata'a! Worri qachoota diigamane keessatti hafe marti shallaaga'aan hin ijjeefaman; worra qacha'aan ala le'u ammoo akka isaan nyaatamanu ani bineensaaf dabarsee isaan hin kenna; worri kushee jaddu'uu fi goda keessa jiranu dhukkuba hama'aan dhumatan.
EZE 33:28 Ani lafa onsee duwwaa hin godha; hunni isiin ittiin koortulle hin dhumatti; gaaroti Israa'elii ona hin te'an; nami tokkolle keessa hin qaxxaamuru.
EZE 33:29 Isaan waan battii waan hujaneef, ani lafa onsee duwwaa yennaa godhu, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedhi.
EZE 33:30 «Ee ilma namaa! Kolbaan teeti dalleya qacha'aatii fi balbala mana ifii biratti waan keeti yennaa mari'atanu, ‹Kowa'a, jecha Mootii Waan Maraa biraa dhufe dhageennaa ti› woliin jedhan.
EZE 33:31 Isaan akkuma yennaa mara godhanu kolbaan tiyya waan ati dubbattu dhage'iisaaf si dura hin tee'an; te'uu malee waan ati itti dubbattu hin muummessanu; afaan ifiitiin waan jaalalaa dubbatan; gadhaan isaanii ammoo bu'aa haqa hin te'in gula deema.
EZE 33:32 Kunoo, ati isaaniif akka nama qoonqoo dansa'aan sirba jaalalaa meya sirbaatiin akka dansaa sirbuu ti; isaan waan ati dubbattu hin dhage'an malee, hin muummessanu.
EZE 33:33 Wonni ati dubbatte, ta dhugumaan muummowu'uuf jirtu tun yennaa teetu, raagaan odduu isaanii akka jiru hin beekan» jedhe.
EZE 34:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 34:2 «Ee ilma namaa! Tissitoota Israa'elii irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Tissitoota Israa'elii worra ifi qofa tiffatuuf aanne'e! Tissitooti silaa hoolota tissitii motii?
EZE 34:3 Isin cooma nyaattan; woyaa rifeensa hoole'ee irraa hujante uffattan; hoolota gabbatte qalattan; hoolota ammoo hin tissitanu.
EZE 34:4 Isin worra dadhabeeru hin jajjabeessine; worra dhibameeru hin fayyine; worra cabeeru hin hiine; worra karaa irraa goreeru hin deebinne; worra badeeru hin barbaanne; isin hunnaa fi gadhi-jabeennaan hoolota tissitane.
EZE 34:5 Hooloti tissee waan hin qanneef bittinnowanee, bineensota badda'aa maraaf sagalee te'ane.
EZE 34:6 Hooloti tiyya gaarota maraa fi koobota dhedheertuu mara irra joonjane; isaan lafa mara irra bittinnowane; nami isaan barbaade yookiin ka isaan ilaale tokkolle hin jiru.
EZE 34:7 « ‹Tanaaf, isin tissitooti, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!
EZE 34:8 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Dhugumaan ani jiraata'a! Hooloti tiyya tissee waan hin qanneef, tissitooti tiyya ifi qofa waan tiffatanuuf, hooloti tiyya ka isaan barbaadu dhabanee bineensaaf sagalee te'ane.
EZE 34:9 Tanaaf, isin tissitoota, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!
EZE 34:10 Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani tissitoota irratti hin ka'a; hoolota tiyya harka isaanii keessaa hin barbaada; haganaa achi akka isaan hoolota tiyya hin tissine hin godha; tissitootille haganaa achi ifi qofa hin tissanu; ani hoolota tiyya afaan isaanii keessaa hin baasa; haganaa achi isaan sagalee isaanii hin te'anu.
EZE 34:11 « ‹Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, aninuu hoolota tiyya hin barbaadadha; hin tiffadhalle'e.
EZE 34:12 Akkuma tissitooti yennaa hoolota ifii tiffatanu hoolota bittinnootte barbaadanu, anille hoolota tiyya hin barbaadadha; guyyaa duumensaatii fi guyyaa dukkanaa addee isaan itti bittinnowaneeranuu isaan hin baasa.
EZE 34:13 Ani gosa biyya adda addaa keessaa isaan baasee, biyya hedduu keessaa isaan wolitti qabee lafa isaaniititti isaan hin deebisa. Gaarota Israa'elii irra, lagoota bisaanii bira, lafa nami keessa le'u mara irra isaan hin tiffadha.
EZE 34:14 Ani addee marri dansaan jirutti isaan hin bobbaasa; gaaroti Israa'elii dhedheeraan addee dheeda isaanii hin te'an. Isaan achi lafa marri dansaan jiru irra hin ciisan; achi gaarota Israa'elii irra addee marri dansaan jiru hin dheedan.
EZE 34:15 Aninuu tissee hoolota tiyyaa hin te'a; aninuu akka isaan foorfatanu hin godha jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 34:16 Ani ta baddeertu hin barbaada; ta karaa irraa gorteertu hin deebifadha; ta caddeertu hin hidhadha; ta dadhaddeertu hin jajjabeeffadha; ta coonteertuu fi ta jabaatteertu hin balleessa; ani haqaan isaan hin tissa.
EZE 34:17 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani marroo isin hoolota tiyyaa, hoolotaa fi hoolota wodhakka'atti, korbeeyyii hoole'eetii fi korbeeyyii re'e'ee wodhakka'atti muraa hin kenna.
EZE 34:18 Marra dansaa dheediis isin hin gewuu? Ka hafe miila keessaniin irra sirbuu qaddanii ree? Bisaan qulluu uniis isin hin gewuu? Ka hafe miila keessaniin booressuu qaddanii ree?
EZE 34:19 Hooloti tiyya waan isin miila keessaniin irra sirbitane dheedanee, bisaan isin miila keessaniin booressitane unanii ree?
EZE 34:20 « ‹Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, isaaniin: Kunoo, aninuu hoolota tiyya ta coonteertuu fi ta huqqatteertu wodhakka'atti muraa hin kenna.
EZE 34:21 Isin hoolota dadhaddeertu haga isaan bittinneessitanutti cinaachaa fi gurmuu teessaniin waan isaan darbitanuuf, gaafa keessanille'een waan isaan woraantanuuf,
EZE 34:22 ani hoolota tiyya hin baasa; haganaa achi isaan hin nyaatamanu; ani hoolotaa fi hoolota wodhakka'atti muraa hin kenna.
EZE 34:23 Ani tissee tokko garbicha kiyya Daawiti isaaniif hin kenna; innille isaan hin tissa; inni isaan bobbaasee tissee isaaniif hin te'a.
EZE 34:24 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa isaanii hin te'a; garbichi kiyya Daawitille isaan oddu'utti qondaala hin te'a; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
EZE 34:25 Ani Gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha; akka isaan nageyaan goomolee keessa le'anee, gongomaa keessa ciisanu, bineensota badda'aa lafa isaanii keessaa hin balleessa.
EZE 34:26 « ‹Ani isaan, addee adaala gaara kiyyaalle hin eebbisa; yennaa eegatee bokkeenni akka roobu hin godha; bokkeenni sun bokkeya eebbaa hin te'a.
EZE 34:27 Mukooti badda'aa midhaan ifii hin buusan; lattille midhaan hin kenniti; kolbaalle lafa ifii keessa nageyaan hin leeti. Ani waanjoo isaanii caccassee, harka worra isaan garboonfatee keessaa yennaa isaan baase, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 34:28 Isaan haganaa achi gosa biyya adda addaatiin hin nyaatamanu; bineensaafille sagalee hin te'anu; wonni isaan sodaachisu tokkolle adoo hin jiraatin nageyaan hin le'an.
EZE 34:29 Haganaa achi akka isaan beelaan hin dhumanne, cooraa gosa biyya adda addaatiin akka isaan hin rakkanne, ani lafa midhaaniin beekkante isaaniif hin kenna.
EZE 34:30 Achiin duuba ani Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii isaan woliin akka jiruu fi kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya akka teete isaan hin beekan jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 34:31 « ‹Isin hoolota tiyya, kolbaa Israa'elii ta ani tiffadhu; anille Waaqa keessan› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 35:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 35:2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara biyya Se'iirii deebifadhuu raaga itti dubbadhuutii,
EZE 35:3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, gaara biyya Se'iirii, ani harka kiyya si irratti diriirsee, onsee duwwaa si hin tolcha.
EZE 35:4 Ani qachoota keeti diigee ona si hin tolcha; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta.
EZE 35:5 « ‹Ati Israa'elootatti diina teetee, quuqaa bara dheera'aa qabattee, yennaa rakkinni dhumaatii fi yennaa adabbiin isaan dhaqqadde, shallaaga'aaf dabarsitee isaan kenniteerta.
EZE 35:6 Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa, dhugumaan Waaqa jiraata'a! Dhiigi keeti akka dhangalaafamu dabarsee si hin kenna; ka dhiiga dhangalaasu si hin ari'a. Dhiiga dhangalaasiisa waan hin jibbiniif, ka dhiiga dhangalaasu si hin ari'a.
EZE 35:7 Ani gaara biyya Se'iirii onsee duwwaa hin godha; nama biyya gaaraa san keessa qaxxaamuree deemu hin balleessa.
EZE 35:8 Ani gaarota keeti worra ijjeefameen hin guuta. Worri shallaaga'aan ijjeefamane kooba teeti irratti, dhooqa teeti keessaa fi dareera keeti keessatti hin gombifaman.
EZE 35:9 Ani haga bara baraa ona si hin tolcha; qachaa keeti keessa nami hin le'u; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta.
EZE 35:10 « ‹Adoo ani Mootiin Waan Maraa achi jiruu, ati: Gosi biyya adda addaa lamaan tun, Yihuda'aa fi Israa'el tiyya; ani isaan hin fudhadha jetteerta.
EZE 35:11 Maarre ani Goottaan Mootiin Waan Maraa dhugumaan jiraata'a! Akkuma ati isaan jibbitee isaanitti aartee hinaatte, anille akkasuma si hin godha. Ani yennaa sitti muru odduu isaaniititti beekkamaa hin te'a.
EZE 35:12 Ati: Isaan onaneeran; akka isaan nyaannuuf nu'uuf kennamaneeran jettee, gaarota Israa'elii irratti dubbatte san ani Mootiin Waan Maraa akka dhage'e hin beetta.
EZE 35:13 Ati afaan keetiin na irratti ifi guddittee, jechoota bacaa ati na irratti dubbatte, ani dhage'eera.
EZE 35:14 « ‹Biyyi lafaa duudiin yennaa gammaddu, ani Goottaan Mootiin Waan Maraa ona si hin tolcha.
EZE 35:15 Latti Israa'elii yennaa onte, ati waan gammaddeef, ani si'ille akkasuma hin tolcha. Ee gaara Se'iirii! Si'ii fi biyya Edoomii duudii ona hin tolcha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e isaan hin beekan› jedha» jedhe.
EZE 36:1 «Ee ilma namaa! Marroo gaarota Israa'elii raaga dubbadhuutii, ‹Ee gaarota Israa'elii! Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!
EZE 36:2 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Diinoti marroo teeti: Gaaroti durii sun baga keenna te'ane jedhan» jedha› jedhi.
EZE 36:3 Tanaaf, raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin waan ontaneef, karaa maraan waan caccaddaneef, gosa biyya adda addaa worra dhibii heddu'uuf qabeenna waan teetaneef, kolbaan waan keessan dubbattee hamii hantuu isin hamatteerti jedha› jedhi.
EZE 36:4 Tanaaf, ee gaarota Israa'elii, jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Gaarotaa fi koobotaan, dareerotaa fi dhooqotaan, qachoota duwwaa te'anee onane, ka gosi biyya adda addaa ta adaala isaanii jirtu saamiisaan itti taphatteen,
EZE 36:5 «Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa: Hinaaffaa tiyya jaddu'uun gosa biyya adda addaa ta dhibi'ii fi kolbaa Edoomii mara irratti hin dubbadha; isaan gadhaa ifii keessatti gammadanee, tuffi'iin lafa tiyya saamanee fudhatanee, addee dheeda horii ifii godhatane» jedha.
EZE 36:6 « ‹Tanaaf ati marroo lafa, gaarotaa fi koobota, lagootaa fi dhooqota Israa'elii irratti raaga dubbadhuutii, «Goottaan Mootiin Waan Maraa: Gosi biyya adda addaa waan isin salphitteef, kunoo ani hinaaffaa mufi'iitiin dubbadheera jedha» jedhi.
EZE 36:7 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa: Gosi biyya adda addaa ka adaala keessan jiranu akka salphatanu ani hin kakadha.
EZE 36:8 «‹Ee gaarota Israa'elii, kolbaan tiyya Israa'el gara qe'ee ifii ariifattee waan dhuttuuf, isin ammoo dameelee baafattanee midhaan isaaniif hin buuttan.
EZE 36:9 Kunoo ani isin woliin waan jiruuf, gara keessanille waan deebi'uuf, isin qotantanee midhaan isin irratti hin facaafama.
EZE 36:10 Kolbaan Israa'elii martinuu adoo hin hafin ani kolbaa isin irratti hin baceessa; qachooti ka nami keessa le'u hin te'an; addeen diigantelle deebitee hin ijaaranti.
EZE 36:11 Ani namaa fi horii isin irratti hin baceessa; isaan bacatanee hin horan; akkuma durii namooti akka isin keessa le'anu hin tolcha; ta durii caalaa waan dansaa isinii hin tolcha; yennaa san isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.
EZE 36:12 Ani kolbaan tiyya Israa'el akka isin irra ideentu hin tolcha; isaan isin hin qabatan; isinille lafa isaanii hin teetan; haganaa achi beelaan worra ijoollee hin qanne isaan hin tolchitanu› jedha.
EZE 36:13 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Namooti isiniin: Isin nama nyaattan; kolbaa teessan beelaan ijoollee malee hamburtan waan jedhanuuf,
EZE 36:14 isin haganaa achi nama hin nyaattanu; kolbaa teessanille beelaan ijoollee malee hin hamburtanu.
EZE 36:15 Haganaa achi ani akka gosi biyya adda addaa isin salphittu hin godhu; haganaa achi kolbaan isin hin qaanessitu; haganaa achi kolbaa teessaniif gufuu hin teetanu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 36:16 Ammalle Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 36:17 «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii yennaa lafa ifii keessa leetu, karaa ifiitii fi hujii ifiitiin lafa ifii batteessite. Karaan isaanii na duratti akka dubartii xuriin itti dhuttee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullinna hin qannee ti.
EZE 36:18 Isaan lafa san keessatti dhiiga waan dhangalaasaneef, waaqota ifii ka dharaatiin lafa san waan batteessaneef, maarre anille mufii tiyya isaan irratti dhangalaase.
EZE 36:19 Ani gosa biyya adda addaa keessa isaan bittinneessee, isaan biyya hedduu keessa xexeeramane. Ani akka karaa isaaniitii fi akka hujii isaaniititti isaanitti mure.
EZE 36:20 Isaan yennaa gara gosa biyya adda addaa dhaqane, addee dhaqane maratti isaan maqaa kiyya woyyicha waan batteessanee, kolbaan, ‹Isaan kun kolbaa Mootii Waan Maraa ti; garuu worra lafa isaa keessaa bayane› jette.
EZE 36:21 Kolbaan Israa'elii ammoo addee dhaqane maratti gosa biyya adda addaa oddu'utti, maqaan kiyya woyyichi ka isaan batteessane natti dhage'ameera.
EZE 36:22 «Tanaaf, kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani isiniif jedhee adoo hin te'in, addee dhaxxane maratti gosa biyya adda addaa oddu'utti maqaa kiyya woyyicha waan batteessitaneef tana godha jedha.
EZE 36:23 Ani woyyummaa maqaa kiyya gudda'aa ka gosa biyya adda addaa oddu'utti battowe, ka isin odduu isaaniititti batteessitane san hin mudhisa. Achiin duuba adoo isaan dhagganuu karaa keessaniin woyyummaa tiyya yennaa mudhisu gosi biyya adda addaa akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 36:24 Ani gosa biyya adda addaa keessaa isin hin fuudha; biyya mara keessaa wolitti isin hin qaba; gara lafa teessaniititti isin hin deebisa.
EZE 36:25 Ani bisaan qulqulluu isinitti hin fiffixa; isinille battummaa teessan maraa fi waaqota dharaa keessan mara irraa hin qulqulloontan.
EZE 36:26 Ani qalbii haareya isiniif hin kenna; ayyaana haareya isin keessa hin keya. Ani mataa jabeenna keessan ka akka dhaka'aa isin keessaa baasee, qalbii ajajantu isiniif hin kenna.
EZE 36:27 Ani ayyaana kiyya isin keessa hin keya; akka seerata kiyyaatitti akka isin ideentanuu fi ajaja kiyya miidhassitanee akka eegattanu hin godha.
EZE 36:28 Lafa abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan; isin kolbaa tiyya hin teetan; anille Waaqa keessan hin te'a.
EZE 36:29 Ani battummaa teessan mara keessaa isin hin baasa; midhaan waamee hin baceessa; haganaa achi beela isinitti hin fidu.
EZE 36:30 Akka isin gosa biyya adda addaa oddu'utti beelaan hin salphanne, midhaan mukaatii fi midhaan ficha'aa mara akka bacatu hin godha.
EZE 36:31 Achiin duuba isin karaa keessan hama'aa fi hujii teessan ta dansaa hin te'in mara hin qaabattan; marroo yakka'aa fi hujii diqachiittuu teessaniitiif ifi hin jibbitan.
EZE 36:32 Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa kana isiniif jedhee akka hin goone beeka'a. Ee kolbaa Israa'elii! Marroo amala keessaniitiif qaanowa'aatii salphadha'a jedha› jedhi.
EZE 36:33 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani cubbuu teessan mara irraa isin qulqulleessu, qachaa keessan keessa akka nami deebi'ee qubatu hin godha; ka diigamelle deebi'ee hin ijaarama.
EZE 36:34 Latti duri worra isii keessa dabaru mara duratti ona teete, deebitee hin qotanti.
EZE 36:35 Worri achi keessa dabaru sunille, «Latti duri onteertu, oorruu Edenii fakkaatte; qachooti duri diigamanee onanee duwwaa te'ane amma dalleenni itti ijaaramee, namille keessa le'iisatti jira!» hin jedhan.
EZE 36:36 Achiin duuba gosi biyya adda addaa ta adaala keessanitti hafane akka ani Mootiin Waan Maraa qachoota diigame deebisee ijaaree fi fichaa duri one akka deebisee misoonse hin beekan. Ani Mootii Waan Maraa ti; ani dubbadheera; waan dubbadhe hin godhalle'e› jedha.
EZE 36:37 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani ammalle waan kolbaan Israa'elii na gaafatte tokko isaaniif hin godha; kolbaa isaanii akka tika hoole'ee hin baceessa.
EZE 36:38 Akkuma yennaa jila beekkantee, Yerusaalem hoolee ciinca'aaf dhikaatteen guutantu, qachooti diigamanelle namootaan hin guutaman; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
EZE 37:1 Irreen Mootii Waan Maraa ana irra jirtiiyyu; inni ayyaanaan na fuudhee, dhooqa lafeele'een guutanteertu takka keessa na keye.
EZE 37:2 Inni adaala lafeelee sanii asii fi achi na ideensise. Kunoo, dhooqa san keessa lafeelee guddoo baca'atti jiraayyu; lafeeleen sun akka malee goggoganeeran.
EZE 37:3 Inni, «Ee ilma namaa! Lafeeleen tun deebitee lubbu'uun jiraatuu hin dandeettii?» anaan jedhe. Anille deebisee, «Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, tana si qofattuu beeka» jedheen.
EZE 37:4 Achiin duuba inni, anaan, «Lafeelee tanatti raaga dubbadhuutii, ‹Ee lafeelee goggodduu tana, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a.
EZE 37:5 Goottaan Mootiin Waan Maraa, lafeelee tanaan: Kunoo, ani hafuura isinitti hin galcha; isin lubbu'uun hin jiraattan.
EZE 37:6 Ani ribuu isin irra keyee, foon isinitti lachisiisee, gogaalle isinitti hin uffisa; hafuura isin keessa keyee, lubbu'uun akka jiraattanu isin hin godha; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedhiin» jedhe.
EZE 37:7 Maarre anille akkuma ajajame raaga dubbadhe. Adoo ani raaga dubbatiisatti jiruu, kakakkeessi tokko dhage'ame; kunoo wonni tokko kakakkisee, lafeeleen sun wolitti hiiqanee, wolitti karoorfamiisa jalqabane.
EZE 37:8 Anille isaan ilaale; kunoo, ribuun isaan irra jirtiiyyu; foonille isaan irratti latee, gogaalle uffataneeraniiyyu. Hafuurri ammoo isaan keessa hin jiru.
EZE 37:9 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Qilleensatti raaga dubbadhu; raaga dubbadhu; qilleensaan, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee qilleensa, maddii afur irraa koyiitii, akka isaan lubbu'uun jiraatanuuf, worra ijjeefameeru kanatti hafuura baafadhu jedha› jedhiin» jedhe.
EZE 37:10 Maarre ani akkuma inni na ajaje raage; hafuurrille isaan keessa seenee, isaan jiraattolee te'anee miila ifiitiin dhaabbatanee, loltoota guddoo bacaa te'ane.
EZE 37:11 Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Lafeeleen tun kolbaa Israa'elii duudi'i. Kunoo, isaan, ‹Lafeeleen teenna goggoddeerti; addii kutanneerra; nuuti ijjumaa banneerra› jedhan.
EZE 37:12 Tanaaf, raaga dubbadhuutii, isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee kolbaa tiyya, kunoo, ani awwaala keessan banee, awwaala keessan keessaa isin hin baasa. Ani gara lafa Israa'elii deebisee isin hin fida.
EZE 37:13 Ee kolbaa tiyya! Yennaa ani awwaala keessan banee, awwaala keessan keessaa isin baase, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.
EZE 37:14 Ani ayyaana kiyya isin keessa hin keya; isinille lubbu'uun hin jiraatan; lafa teessanitti isin hin galcha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan. Ani dubbadheera; waan dubbadhe hin godhalle'e jedha› jedhi» jedhe.
EZE 37:15 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 37:16 «Ee ilma namaa! Ulee takka fuudhiitii, isii irratti jecha, ‹Yihuda'aaf, Israa'eloota isa woliin wolii galanulle'eef› jedhu barreessi. Achiin duuba ulee dhibii fuudhiitii, isii irratti jecha, ‹Yoseefiif jechuun Efreemiif, Israa'eloota isa woliin wolii galanu maralle'eef› jedhu irratti barreessi.
EZE 37:17 Uleen lamaan sun harka keeti keessatti tokko akka te'anu wolitti qassiisi.
EZE 37:18 Kolbaan teeti, ‹Kun maan jechuu keeti akka te'e nutti hin hintuu ree?› jedhanee yennaa si gaafatane,
EZE 37:19 ati isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo ani ulee Yoseefii ta harka Efreemii keessa jirtuu fi ulee gosa Israa'elii ta worra isa woliin wolii galanuu fuudhee, akka isaan harka kiyya keessatti tokko te'anu, ulee Yihuda'aa woliin wolitti isaan qassiisa jedha› jedhi.
EZE 37:20 «Ulee lamaan irratti barreessite san ila isaanii dura qabiitii,
EZE 37:21 isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, ani kolbaa Israa'elii gara maraa gosa biyya adda addaa oddu'uu wolitti isaan qabee, gara lafa isaanii isaan hin fida.
EZE 37:22 Lafa irratti, gaara Israa'elii gubba'atti kolbaa takkattii isaan hin godha. Isaan mara irratti mootiin tokkochi hin mootoma; isaan haganaa achi gosa biyya adda addaa lama hin te'anu; mootummaa lama te'anee ijjuma gargar hin qoodamanu.
EZE 37:23 Isaan haganaa achi waaqota dharaa ka ifiitiin, waan diqachiittuu ifiille'een yookiin yakkaa ifii maralle'een ifi hin batteessanu. Ani ammoo cubbuu isaan na lakkisanee duubatti deebi'iisaan hujane mara jalaa isaan baasee, isaan hin qulqulleessa. Achiin duuba isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a.
EZE 37:24 « ‹Garbichi kiyya Daawiti isaan irratti mootii hin te'a; isaan martinuu tissee tokko hin qabaatan. Isaan seera kiyyaan hin ideeman; seerata kiyyalle miidhassanee hin eegatan.
EZE 37:25 Isaan lafa ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne, addee abbootiin teessan duri keessa leete keessa hin le'an. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniille haga bara baraa achi hin le'an; garbichi kiyya Daawiti haga bara baraa bulchaa isaanii hin te'a.
EZE 37:26 Ani gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha. Gondooroon sun gondooroo bara baraa hin teeti. Ani lafa isaanii keessatti isaan jabeessee hin dhaba; isaan hin baceessa; Galma kiyya haga bara baraa odduu isaaniititti hin dhaaba.
EZE 37:27 Addeen leetoo tiyyaa isaan woliin hin teeti; ani Waaqa isaanii hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an
EZE 37:28 Achiin duuba yennaa ani Galma kiyya haga bara baraa odduu isaaniititti dhaabe ka Israa'el woyyoonsu, ana Mootii Waan Maraa akka te'e gosi biyya adda addaa hin beekan jedha› jedhiin» jedhe.
EZE 38:1 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
EZE 38:2 «Ee ilma namaa! Fuula keeti gara Googii lafa Maagoogii jiru, qondaala guddicha Meshekiitii fi Tubaalii deebifadhuutii raaga irratti dubbadhuutii,
EZE 38:3 ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee Googii qondaala Meshekiitii fi Tubaalii, kunoo, ani si irratti ka'eera.
EZE 38:4 Ani gara duubaa si hin deebisa; ani a'oo teeti keessa hookkoo galchee, loltoota teeti mara, fardoo teetii fi abbootii fardo'oo teeti mara, worra meya woraanaa ka ifii guutuu hidhate mara, loltoota bacaa worra wontee gugurdo'oo fi wontee didiqqoo qabanu, worra shallaagaa ifii mirmiffatanu mara harkisee si woliin hin baasa.
EZE 38:5 Worri Faaresii, worri Itoophiya'aa isaan woliin jiran; isaan martinuu wonte'ee fi gullee sibiilaa keyataneeran.
EZE 38:6 Gomerii fi loltooti isaa mara, Bet-Togaarmaa kaaba fago'oo irraa loltoota isaa mara woliin, kolbaa hedduulle si woliin hin baasa.
EZE 38:7 Atii fi worri adaala keetitti wolitti qabame martinuu qophowa'a; ati sooressa isaanii te'i.
EZE 38:8 Bara heddu'uun duuba ati lolaaf hin waamanta. Lafa bara baca'aan duuba lolli irraa cite, ta kolbaan isi'ii gosa biyya adda addaa hedduu keessaa gaarota Israa'elii irratti wolitti qabante, ta yennaa hedduu ontee turte, ta isaan martinuu amma nageyaan keessa le'anu san irratti hin kaata.
EZE 38:9 Atii fi loltooti keeti marti, gosi biyya adda addaa bacaan ta si woliin jirtu akka bubbee bokkeyaa hin baatan; akka duumensaa lafa hin gollitan jedha› jedhi.
EZE 38:10 «Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Bara sanitti yaadi gara qalbii teetii hin dhufa. Ati mala hamaa hin dhootta;
EZE 38:11 ati: Ani lafa ollaa dalleya hin qannetti hin duula. Kolbaa dalleya, danqara'aa fi karra malee cadhittee nageyaan leetu mara hin lola;
EZE 38:12 lafa ontee amma nami deebi'ee irra le'u tana irratti harka kiyya diriirsee, worra gosa biyya adda addaa keessaa wolitti qabame, worra horii baca'aa fi meya hedduu qabu, ka handhura biyya lafaa irra le'u hin booji'a; hin saamalle'e jetta.
EZE 38:13 Sheeba'aa fi Dedaan, daldaltooti Tarshiishiitii fi ollooti isi'ii marti, si'iin: Ati saamiisaaf dhuttee? Meeti'ii fi worqii, hori'ii fi meya bacaa booji'iisaaf loltoota teeti wolitti qabattee dhuttee? Hin jedhan jedha› jedhi.
EZE 38:14 «Tanaaf, ee ilma namaa! Ati Googi irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Bara kolbaan tiyya Israa'el nageyaan leetu ati hin beettaa motii ree?
EZE 38:15 Ati lafa kaabaa fagoo irraa gosa biyya adda addaa hedduu, kolbaa bacaa, loltoota jajjadduu woliin isaan martinuu fardoo irra tee'anee, isaan woliin hin dhutta.
EZE 38:16 Ati kolbaa tiyya Israa'el loliisaaf, akka duumensa lafa golluu itti hin dhutta. Ee Googi, karaa keetiin fuula isaanii duratti woyyummaa tiyya yennaa ani isaanitti mudhisu, gosi biyya adda addaa akka na beekanu, bara muumme'ee irratti lafa tiyya loliisaaf akka ati dhuttu hin godha jedha› jedhiin.
EZE 38:17 Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati ka ani bara durii karaa garboota tiyya raagota Israa'eliitiin marroo isaa dubbadhe sanii motii? Ani bara san akka isaan irratti si fidu isaan bara dheeraa raaganeeran› jedha.
EZE 38:18 «Ammalle Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Yennaa Googi lafa Israa'elii lolu, guyyaa san aariin tiyya jadduun hin kaati.
EZE 38:19 Guyyaa san lafa Israa'elii irratti tacho'iis lafaa guddaan akka te'u, ani hinaaffa'aan, aarii tiyya ta bobeettulle'een lallabeera.
EZE 38:20 Qurxummi'ii fi sinbirrooti, bineensoti badda'aa marti, dadi lafa irra lowanu marti, namooti lafa irraa martinuu fuula kiyya duratti hin hollatan; gaaroti gad hin qolaanfaman; bowwaan marti hin sigigan; dalleenni dhaka'aa marti hin jigan.
EZE 38:21 Gaarota kiyya mara irratti Googi loliisaaf shallaagaa hin waama; nami marti wol irratti shallaagaa hin buqqifata.
EZE 38:22 Ani dhukkuba hama'aa fi dhiiga dhangalaasiisaan isatti hin mura; isa irratti, loltoota isaatii fi worra isa woliin jiranu irratti bokkeya baradaa, dhakaa bokkeyaa, ibiddaa fi dhakaa bobe'u hin roobisiisa.
EZE 38:23 Maarre ani guddinna kiyyaa fi woyyummaa tiyya hin mudhisa; gosa biyya adda addaa duratti ifi hin beessisa; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.
EZE 39:1 «Ee ilma namaa! Googi irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, Googii qondaala guddicha kolbaa Meshekiitii fi Tubaalii, kunoo, ani si irratti ka'eera.
EZE 39:2 Ani gara duubaa si deebisee, gara duraa si oofee, kaaba fago'oo irraa si fidee, gaarota Israa'elii irratti akka ati duultu si hin godha.
EZE 39:3 Achiin duuba ani harka keeti bitaacha irraa guubee hin dhowa; harka keeti middicha irraa daaya hin buusa.
EZE 39:4 Atii fi worri si woliin jiru marti, gosi biyya adda addaa gaarota Israa'elii irratti hin duutan. Ani allaattii gosa adda addaatii fi bineensa maraaf sagalee si hin godha.
EZE 39:5 Ani waan dubbadheeruuf, ati diida keessatti hin duuta. Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
EZE 39:6 Ani biyya Maagoogiitii fi worra qarqara abbaaya'aa bidhaa malee le'u irratti ibidda hin erga; isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 39:7 Maqaan kiyya woyyichi kolbaa tiyya Israa'el oddu'utti akka beekkamu hin godha; haganaa achi maqaan kiyya woyyichi akka battowu hin godhu. Gosi biyya adda addaa akka ani Mootii Waan Maraa woyyicha Israa'elii te'e hin beekan.
EZE 39:8 Kunoo, guyyaan ani: Kunoo, guyyaan wonni kun marti teetu hin dhufa; dhugumaan guyyaan hin dhufa jedhee dubbadhe dhufiisatti jira.
EZE 39:9 « ‹Achiin duuba worri qachaa Israa'elii keessa le'u achi keessaa bayanee, meya woraanaa akka qoraanii ibiddatti naqanee hin bobeessan; wontee didiqqo'oo fi wontee gugurdoo, guube'ee fi daaya, ciira'aa fi eboo hin guban; haga woggaa torbaa isaan hin bobeessan.
EZE 39:10 Isaan meya woraanaa waan bobeeffatanuuf, diida keessaa qoraan caaffatiisi, gongomaa keessaa muka muriis hin barbaachisu; isaan worra isaan booji'e hin booji'an; worra isaan saame hin saaman jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 39:11 « ‹Bara san dhooqa worra karaa deemuu ta abbaayaa irraa karaa aduun baatu jirtu san awwaala Googiitiif hin kenna; Googii fi loltooti isaa martinuu achitti waan awwaalamanuuf, worra karaa ideemutti karaan hin cufama; dhooqi sun: Dhooqa Hamoon-Googii hin jedhanti.
EZE 39:12 Kolbaan Israa'elii lafa qulqulleessiisaaf ji'a torba isaan hin awwaalan.
EZE 39:13 Kolbaan lafa sanii marti isaan hin awwaalan; guyyaan ani ulfinna kiyya mudhisu sun isaaniif gurra hin te'a jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 39:14 Isaan namoota lafa qulqulleessiisaaf, yennaa mara lafa keessa deddeemanee worra lafa irratti du'ee hafeeru awwaalu hin filatan. Isaan dhuma ji'a torbaatitti reeffa hafeeru barbaadan.
EZE 39:15 Isaan yennaa lafa keessa deddeemanu lafee namaa yennaa lafatti dhaggane, haga worri awwaalu dhufee dhooqa Hamoon-Googii keessatti awwaalutti beessisa itti hin godhan.
EZE 39:16 Isaan akka kanaan lafa hin qulqulleessan; maqaan qachaa addee san jiruulle: Hamoonaa hin jedhama jedha› jedhi.
EZE 39:17 «Ati ee ilma namaa! Mootiin Waan Maraa, ‹Allaatota adda addaatii fi bineensota maratti dubbadhuutii: Addee maraa wolitti qabama'aatii, gara jila ciinca'aa ta ani isinii qopheessee, gara jila guddoo gaarota Israa'elii irraa kowa'aatii foon nyaadha'a; dhiigalle una'a.
EZE 39:18 Akka foonii fi dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo hoole'ee, korbeeyyii re'e'eetii fi korommi'ii ka akka horii cocooma Baashaanii, isin foon worra jajjabaa nyaatanee dhiiga qondaaltota gosa biyya adda addaa hin untan.
EZE 39:19 Jila ciinca'aa ta ani isiniif qopheessu sanitti haga quuttanutti cooma hin nyaattan; haga machoottanutti dhiiga hin untan.
EZE 39:20 Isin qorii tiyyatti fardoolle'ee fi abbootii fardoole'ee, loltoota jajjabaa fi loltoota mara nyaattanee hin quuttan jedhi› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 39:21 «Ani ulfinna kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti hin mudhisa; gosi biyya adda addaa marti muraa ani isaanitti muree fi adabbii ani isaan adabe hin dhaggiti.
EZE 39:22 Guyyaa saniin jalqabanee kolbaan Israa'elii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 39:23 Gosi biyya adda addaa kolbaan Israa'elii sababa yakkaa ifiitiif akka booji'ante hin beekan; isaan waan naaf addatamiisa dhabaneef, ani fuula kiyya isaan duraa dhoffadhee, nyaapha isaaniititti dabarsee isaan kennee, isaan marti shallaaga'aan ijjeefamane.
EZE 39:24 Ani akkuma battummaa isaaniitii fi yakkaa isaanii isaaniif godhee, fuula kiyyalle isaan duraa dhoffadhe.
EZE 39:25 «Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani amma sanyii Yaaqoobii, kolbaa Israa'eliitiif hin marara; deebisee isaan hin qananoonsa; maqaan kiyya woyyichi akka hin arraffanne hin tolcha.
EZE 39:26 Isaan biyya ifii keessa nami tokkolle adoo isaan hin sodaachisin lafa ifii keessa nageyaan yennaa le'anu, salphinna ifiitii fi naaf addatamiisa dhabiisa ifii mara hin dedhan.
EZE 39:27 Ani gosa biyya adda addaa keessaa deebisee yennaa isaan fidu, biyya diina isaanii keessaa yennaa isaan wolitti qabu, ila gosa biyya adda addaa hedduu duratti karaa isaaniitiin woyyummaa tiyya hin mudhisa.
EZE 39:28 Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti akka isaan booji'amanu godhulle, nami tokkolle adoo hin hafin wolitti isaan qabee, gara lafa ifii akka isaan deebi'anu hin godha; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
EZE 39:29 Ani ayyaana kiyya kolbaa Israa'elii irratti hin dhangalaasa; ani haganaa achi fuula kiyya isaan irraa hin deebifadhu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 40:1 Nuuti booji'annee woggaa diddamii shaneesso'oo, qachaan Yerusaalemii diigameen duuba, woggaa kudhanii arfeesso'oo, ji'a jalqabaa guyyaa kudhaneesso'oo, guyyuma san irreen Mootii Waan Maraa ana irra jiraayyu; inni na fuudhee gara qachaa Yerusaalemii na geesse.
EZE 40:2 Inni mudhii Waaqaatiin gara lafa Israa'elii na geessee, gaara akka malee dheeraa tokko irra na dhaabbachiise. Wonni akka ijaarsa qacha'aa jiru tokko gara kibbaatiin gaara san irra jiraayyu.
EZE 40:3 Yennaa inni achi na geesse, kunoo, namichi tokko ka bifi isaa sageettuu fakkaattu, wodaroo quncee talba'aatii fi ulee ittiin mikanu harka ifiititti qabatee seensuma karraa keessa dhaabbateeraayyu.
EZE 40:4 Namichi sun anaan, «Ee ilma namaa! Ila teetiin ilaali; gurra keetiin dhage'i; qalbii teetille waan ani sitti mudhisu kana mara irra keyadhu; wonni ati as dhutteef, akka ani waan kana sitti mudhisu waan teeteef, waan dhaggite mara kolbaa Israa'eliititti himi» jedhe.
EZE 40:5 Kunoo, adaala Galma Waaqaa mara dalleya dhaka'aatitti marseeraayyu; harka namichaa keessa ulee miki'ii ta dheerinni isi'ii ciqilee namichaa jaatitti jiraayyu; ciqileen namichaa ciqilee tokkoo fi taakku'u. Inni dalleya dhaka'aa san yennaa miku, furdinni isaa ulee miki'ii san tokko, hojjaan ulee miki'ii san tokko te'e.
EZE 40:6 Achiin duuba inni gara karra karaa aduun baatu jiruu dhufee, yaabbannoo karraa irra ol bayee, eeddummee karra duraa yennaa mike ulee miki'ii tokko teete.
EZE 40:7 Kollooti worra eeddotaa ta cina'aa dheerinni isaanii ulee miki'ii san tokko, badhinni isaaniille ulee miki'ii san tokko; kollooti cina'aa sun ciqilee shan gargar fagaatan; dheerinni eeddummee seensuma karra soroo Galma Waaqaa bira, gara keessaatiin dhuma irra jirtuu, ulee miki'ii tokko.
EZE 40:8 Achiin duuba inni soroo seensuma karra Galma Waaqaa gara keessaatiin jirtu mike.
EZE 40:9 Soroo karaa seensuma karraa sun ciqilee saddeeti; utubaan isi'ii ciqilee lama furdata; soroon seensumaa sun gara keessaatiin jirti.
EZE 40:10 Kolloon eeddotaa ta karra karaa aduun baatuu garanaan sad gara kaanille'een saditti jiraayyu; isaan sadiinuu wol qixxe'e; utubooti kolloota san garanaa fi gara kaaniin jiranulle wol qixxe'e.
EZE 40:11 Achiin duuba inni badhinna seensuma karra sanii ciqilee kudhan, dheerinna isi'ii ciqilee kudhanii sad mike.
EZE 40:12 Kolloo eeddotaa ta garanaa fi garakaaniin jirtu san tokko tokkooyyuu dura dalleenni dhaka'aa gabaabaan ka hojjaan isaatii fi furdinni isaa ciqilee tokkootitti jiraayyu; badhinni kolloo eeddotaa wol qixxee te'anee ciqilee jaa.
EZE 40:13 Achiin duuba inni karra san qaccee dhaaba kolloo eeddotaa tokko irraa gara duubaatiin haga qaccee dhaaba kolloo eeddotaa ta gara kaaniititti ciqilee diddamii shan mike.
EZE 40:14 Inni utuboota soro'oo sanille yennaa mike ciqilee jaatama teete; adaala soroo seensumaa san badhinna dalleya keessaatitti jiraayyu.
EZE 40:15 Seensuma karraa fuula duraa kaasee haga soroo seensumaa qaccee isi'ii ta gara keessaatitti ciqilee shantama.
EZE 40:16 Kollooti eeddotaa gara maraan akkuma soroo seensumaa middaa fi bita'aan foddaa dhidhiphoo qaban; foddaan adaala sanii marti karra seensumaa fuula dura jiran; utuboota irra fakkii muka meexxi'iititti jiraayyu.
EZE 40:17 Achiin duuba inni gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa na geesse. Kunoo, kollootaa fi dhakaa afametti adaala badhinna dalleya keessaa san jiraayyu. Dhakaa afameeru san fuula dura kolloota soddomatti jiraayyu.
EZE 40:18 Dhakaan afameeru ka jalaa karra seensumaatiin wol qabatee hujameera; badhinni isaalle haguma dheerinna karra sanii ti.
EZE 40:19 Achiin duuba inni karra gara jalaa fuula duraa kaasee haga badhinna dalleya keessaa ka gara keessaatiin fuula duraatitti fageenna jiru ciqilee dhibba tokko te'e.
EZE 40:20 Achiin duuba inni karra gara kaabaatitti jirtu, ta fuullee badhinna dalleya keessaa ka gara alaa dheerinnaa fi badhinna isi'ii mike.
EZE 40:21 Kollooti isi'ii ta eeddotaa garanaan sad, gara kaanille'een sad; utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii haguma ka karra qaraa ti; dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan.
EZE 40:22 Foddaan isi'ii, soroon isi'iitii fi fakkiin muka meexxi'ii ta isii irra jirtu ta karra karaa aduun baatuu woliin woluma qixxe'e; yaabbannoo torbaan gara seensuma karra sanii ol bayan; soroon seensuma karra sanii qaccee gara keessaatiin jirti.
EZE 40:23 Akkuma karra karaa aduun baatuu, karri karaa kaabaatitti jirtu, ta fuullee badhinna dalleya keessaa ta gara keessaalle jirti; karra tokko irraa haga karra taaniititti yennaa inni mike ciqilee dhibba teete.
EZE 40:24 Achiin duuba inni gara kibbaa na geesse; achille, kunoo, karri gara kibbaatitti fuula galteertu takka jirti. Innille utuboota isi'iitii fi soroo isi'ii mike; isaanille karra dhibi'iin woluma qixxe'e.
EZE 40:25 Karri sunii fi soroon isi'ii akkuma karra dhibi'ii naannoo ifii irratti fooddota qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan.
EZE 40:26 Yaabbannoon torba ta gara isi'ii ol ittiin bayanutti jira; soroon isi'ii fuullee saniin jirti; utuboota cinaa isi'ii ka gara lamaaniituu irra fakkii muka meexxi'iititti irra jira.
EZE 40:27 Badhinni dalleya keessaa ka gara keessaa karra gara kibbaatitti fuula galteertu qaba; inni karra san irraa jalqabee haga karra gara kibbaa ta gara alaa mikee, ciqilee dhibba teete.
EZE 40:28 Achiin duuba karaa karra kibbaatiin gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geessee, inni yennaa karra kibbaa san mike, isiin karra dhibi'iin woluma qixxee teete.
EZE 40:29 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan.
EZE 40:30 Sorooti adaala san maratti naannowaneeranu, dheerinni isaanii ciqilee diddamii shan, badhinni isaanii ciqilee shan.
EZE 40:31 Soroon isi'ii gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fuula galteerti; utuboota isi'ii irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.
EZE 40:32 Achiin duuba inni gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa ka karaa aduun baatuu na geessee, karra san mike. Isiille karra dhibi'iin woluma qixxee teete.
EZE 40:33 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan.
EZE 40:34 Soroon isi'ii gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fuula galtee, utuboota isi'ii ka gara lamaanittuu irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.
EZE 40:35 Achiin duuba inni gara karra karaa kaabaa na geesse. Yennaa inni isii mike karra dhibi'iin woluma qixxee teete.
EZE 40:36 Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan.
EZE 40:37 Soroon seensumaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti fuula galteerti. Utuboota gara lamaaniituu irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.
EZE 40:38 Soroo karra karaa kaabaa ta gara keessaa bira kolloo balbala qaddu ta kennansi gubamu itti dhiqamutti jiraayyu.
EZE 40:39 Soroo san keessa xarapheessaan lama lama cinaa lamaanuu ka kennansi gubamu, kennansi sababa cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansi sababa yakka'aatiif dhikaatu irratti qalamu jiran.
EZE 40:40 Soroo seensuma karra karaa kaabaa gara alaatiin yennaa ol bayanu cinaa lamaanuu xarapheessaa wol fakkaatu lama lamatti jiraayyu.
EZE 40:41 Maarre karra san gara keessaatiin xarapheessaan horiin ciinca'aaf dhikaatu irratti qalamanu afur, cinaa taanille'een xarapheessaan afur wolumaa galatti xarapheessaa saddeetitti jiraayyu.
EZE 40:42 Xarapheessaan afur ka dhakaa irraa hujamane, ka dheerinni isaanii ciqilee tokkoo fi gamisa, badhinni isaanii ciqilee tokkoo fi gamisa, hojjaan isaanille ciqilee tokkoo, ka kennansi gubamu irratti dhikaatu achi jiran. Xarapheessota kana hayyooti meya horii kennansa gubamuu fi ciincaa dhibi'iif dhikaatanu ittiin qalanulle irra keyatan.
EZE 40:43 Hookkoti qaccee lamaa ka dheerinni tokko tokkoo isaanii taakkuu tokko tokkoo naannoo dhaaba mana dhaka'aa san mara irratti dongoramaneeran; xarapheessota san foon kennansaaf dhikaatutti irra keyama.
EZE 40:44 Badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa keessa, karra keessaatiin ala kolloota lamatti jiraayyu; takkattiin cinaa karra karaa kaabaa gara kibbaa fuula galtee, takkattiin cinaa karra kibbaa gara kaabaa fuula galteerti.
EZE 40:45 Inni anaan, «Kolloon karaa kibbaa fuula galteertu tun ta hayyoota itti gaafatantoota hujii Galma Waaqaa keessa ti;
EZE 40:46 kolloon karaa kaabaa fuula galteertu tun ta hayyoota itti gaafatantoota hujii addee ciinca'aa ti; hayyooti tun sanyii Zaadoqii, ilmaan Lewwi'ii worra Mootii Waan Maraatitti dhikaatee isa tajaajiliisaaf eeyyama qabuu ti» jedhe.
EZE 40:47 Inni badhinna dalleya keessaa ka gara keessaalle mike; dheerinni isaa ciqilee dhibba, badhinni isaalle ciqilee dhibba; cinaan isaa arfanuu wol qixxe'e. Addeen ciinca'aa Galma Waaqaa dura jirtiiyyu.
EZE 40:48 Achiin duuba inni gara soroo seensuma Galma Waaqaa na geessee, inni utuboota isi'ii tokko tokkoon yennaa mike, ka cinaa lamaaniituu dheerinni isaanii ciqilee shan shan te'ane; badhinni seensumaa ciqilee kudhanii afur, furdinni gindaa isi'ii ka cinaa lamaaniituu ciqilee sad sad te'ane;
EZE 40:49 Dheerinni soroo sanii ciqilee diddama, badhinni isi'ii ciqilee kudhanii lama; yaabbannoo kudhaniin gara isi'ii ol bayan. Yaabbannoota san cinaa lamaan utubootatti jiraayyu.
EZE 41:1 Achiin duuba gara addee irra caalaa woyyittii Galma Waaqaa na geessee, inni utuboota isi'ii mike; badhinni utuboota isi'ii ka cinaa lamaaniituu ciqilee jaa te'e.
EZE 41:2 Badhinni balbala isi'ii ciqilee kudhan te'e; badhinni dhaaba isi'ii ka cinaa lamaanii tokko tokkoon isaatuu ciqilee shan te'e; inni addee woyyittii Galma Waaqaa mikee, dheerinni isi'ii ciqilee afurtama, badhinni isi'ii ciqilee diddama te'e.
EZE 41:3 Achiin duuba gara kolloo keessaa seenee, utuboota balbala isi'ii mikee, dheerinni ciqilee lama, badhinni balbalaa ciqilee jaa, badhinni dhaabi isi'ii ka cinaa lamaanii tokko tokkoon isaatuu ciqilee torba te'e.
EZE 41:4 Inni dheerinna Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa keessaa mikee, dheerinni isi'ii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama te'e; achiin duuba inni, «Tun addee irra caalaa woyyitti'i» jedhe.
EZE 41:5 Achiin duuba inni dhaaba dhaka'aa ka Galma Waaqaa mikee, furdinni isaa ciqilee jaa, badhinni kolloota adaala Galma Waaqaa san jiranuu tokko tokkoon isaanii ciqilee afur te'ane.
EZE 41:6 Kollooti cinaa lamaanii kuun kaan gubba'atti sufamee, sufaa sad te'anee wol irratti ijaaramaneeran; sufaan sun tokko tokkoon isaanii kolloo soddoma qaban. Kolloota cinaa Galma Waaqaa jirtu san kiphiisaaf dagalee heddu'utti jira; te'uu malee dagaleen hedduun sun Galma Waaqaatitti hin maxxanne.
EZE 41:7 Badhinni kolloota adaala Galma Waaqaa sun sufuma sufaa irratti badhataa ol ideema; dhaabi ijaarsaa ka jalaa ka ol aanu caalaa furdata; yaabbannoon jalaa ol sufaa wodhakka'aa keessa bayee gara sufaa gubba'aatitti baasu jiran.
EZE 41:8 Galmi Waaqaa hundee ol kaafantee itti marfantee ijaarante akka qabu dhagge; hundeen kolloota cina'aa sun hunduma san irratti ijaaranteerti. Furdinni hundee sanii ulee miki'ii ta ciqilee dheertuu jaa san tokko teete.
EZE 41:9 Furdinni dhaaba ijaarsa kolloota cina'aa ka gara alaatiin jiru ciqilee shan. Addeen duwwaan kollootaa cinaa Galma Waaqaatii fi
EZE 41:10 kolloota hayyootaa wodhakkaa jirti; badhinni isi'ii adaala Galma Waaqaa cinaa maraanuu ciqilee diddama.
EZE 41:11 Kollooti cinaa Galma Waaqaa balbala gara addee duwwa'aa banantu qaban. Balbalti takkattiin gara kaabaa, balbalti takkattiin gara kibbaa fuula galteerti. Addeen duwwaan sun gara maraanuu ciqilee shan.
EZE 41:12 Galma Waaqaa irraa karaa aduun seentuun, ijaarsi gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti fuula galeeru tokko jiraayyu; furdinni dalleya ijaarsa sanii gara maraanuu ciqilee shan, badhinni isaa ciqilee torbaatama, dheerinni isaa ammoo ciqilee sagaltama.
EZE 41:13 Achiin duuba inni Galma Waaqaa mikee, dheerinni isaa ciqilee dhibba te'e; badhinni dalleya keessaa ka Galma Waaqaatii fi ijaarsi sun dalleya ifii woliin dheerinni ciqilee dhibba te'e.
EZE 41:14 Karaa aduun baatuun badhinni dalleya keessaa ka Galma Waaqaa addee Galma Waaqaa fuula dura jirtu woliin ciqilee dhibba te'e.
EZE 41:15 Achiin duuba inni dheerinna ijaarsa gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa fuula galee, Galma Waaqaatiin duuba jiru mikee, soroo isaa woliin ciqilee dhibba te'e. Soroon Galma Waaqaa ka badhinna dalleya keessa ka gara keessaatitti fuula gale, addeen woyyitti'ii fi addeen irra caalaa woyyitti'ii,
EZE 41:16 gulantaan, irga foddaa dhidhipha'aa, seesa dhaaba manaa ka gara keessaa, waan adaala san jiru maratti muki hephellichi itti gonfameera.
EZE 41:17 Addee balbalaan gubba'aa, dhaaba addee irra caalaa woyyitti'iitii fi dhaaba addee woyyitti'ii keessaa gara alaatiin soroo Galma Waaqaa
EZE 41:18 fakkiin dada ol-gubba'aa ka koola qabanuutii fi fakkiin muka meexxi'ii itti qiriixamaneeran. Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun tokko tokkoon isaaniituu fuula lama qaban.
EZE 41:19 Ka fuula namaa qabu gara muka meexxi'ii ka gara tokkoo, ka fuula neenqa dardaraa qabu gara muka meexxi'ii ka gara kaanii fuula galeera. Isaan martinuu naannoo Galma Waaqaa irratti qiriixamaneeran.
EZE 41:20 Lafa irraa kaasee haga balbalaan gubba'aatitti dhaaba addee woyyitti'ii irralle'etti dadi ol-gubba'aa ka koola qabanuu fi muki meexxi'ii irratti qiriixamaneeran.
EZE 41:21 Mikikkilooti balbala addee woyyitti'ii roga afur ka wol qixxee te'e qaban. Mikikkilooti balbala addee irra caalaa woyyitti'ii dura jiranulle akkasuma roga afur ka wol qixxee te'e qaban.
EZE 41:22 Addeen ciinca'aa ta muka irraa hujante, ta hojjaan isi'ii ciqilee sadii, dheerinni isi'ii ciqilee lamaatii fi badhinni isi'iille ciqilee lamaa takka jirtiiyyu; rogi isi'ii, shafeen isi'iitii fi cinaan isi'ii mukaa irraa hujameera; inni anaan, «Kun xarapheessaa Mootii Waan Maraa dura jiru» jedhe.
EZE 41:23 Addee woyyitti'ii fi addeen irra caalaa Woyyitti'ii tokko tokkoon isaanii balbala lama lama qaban.
EZE 41:24 Balbalti tokko tokkoo isaanii saanqaa gara lamatti banamu lama lama qaban.
EZE 41:25 Akkuma dhaaba irratti qiriixameerutti balbala addee woyyitti'ii irralle'etti fakkiin dada ol-gubba'aa ta koola qadduutii fi fakkiin muka meexxi'ii qiriixamaneeran; soroo Galma Waaqaa san fuula duraan soroon jala qaxxaamuraa ta mukaan hujanteertu jirtiiyyu.
EZE 41:26 Dhaaba soroo sanii gama lamaaniinuu foddaa dhidhiphaa fakkiin muka meexxi'ii irratti qiriixamaneeranutti irra jira; kollooti cinaa Galma Waaqaalle karaa seensumaatiin soroota jala qaxxaamuranu qaban.
EZE 42:1 Achiin duuba inni karaa kaabaatiin gad na baasee gara badhinna dalleyaa keessaa ka gara alaatitti na fidee, gara kolloota fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatii fi fuullee ijaarsa gara kaabaa sanitti na geesse.
EZE 42:2 Dheerinni ijaarsaa ka balbalti isaa karaa kaabaa fuula galteertuu sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama.
EZE 42:3 Badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa irraa ciqilee diddama irratti, fuullee afinaa dhaka'aa ka badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti kollooti addee bashannanaa heellichoo gubba'aa qaddu fuula wolitti galanee wol irratti sufaa sadiin ijaaramaneeran.
EZE 42:4 Kolloota san dura karaan gara keessaa dabarsu ka badhinni isaa ciqilee kudhan, dheerinni isaa ciqilee dhibba tokkootitti jira. Balbalti kolloota sanii karaa kaabaatiin jiran.
EZE 42:5 Akkuma kollooti wol irratti sufamaa ol ideemanuun, addeen bashannanaa ta heellichoo gubba'aa badhataa waan ideentuuf, kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan.
EZE 42:6 Kollooti sufaa sadiin wol irratti waan ijaaramaneeranuuf, akka badhinna dalleya keessaa utuboota hin qabanu; tanaaf kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan.
EZE 42:7 Karaa badhinna dalleya keessaa gara alaatiin fuullee kollootaa dalleenni dhaka'aa ka ciqilee shantama dheeratu tokko jira.
EZE 42:8 Kollooti badhinna dalleya keessaa ka gara alaa ciqilee shantama dheeratan; tarreen kolloota fuullee Galma Waaqaa jiranu ciqilee dhibba dheeratti.
EZE 42:9 Badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin yennaa ol seenanu, karaa aduun baatuun, gara kolloota gad aananu seensuma tokkotti jira.
EZE 42:10 Karaa kibbaatiin badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti, badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti aananee, fuullee badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin kollooti jiran.
EZE 42:11 Kolloota san dura karaan dabaranu jira; kollooti sun dheerinnii fi badhinni isaanii, karaan gad bayanu, akki isaan itti ijaaramaneeranu, balbalti isaaniille kolloota karaa kaabaa woliin wol fakkaatan.
EZE 42:12 Balbalti kolloota karaa kibbaalle wol qixa; jalqaba karaa dabaranuu san seensumatti jira; maarre nami dhuma dalleyaatiin karaa aduun baatuun seena.
EZE 42:13 Achiin duuba inni anaan, «Kollooti kaabaatii fi kibbaa worri fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa jiranu sun woyyoota. Achitti hayyooti fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaattu kennansa woyyicha nyaatti. Addeen sun woyyittii waan teeteef, kennansa irraa caalaa woyyuu te'e: kennansa midhaanii, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatulle achi keyan.
EZE 42:14 Hayyooti gara addee woyyitti'ii san seenaneen duuba uffanni achi keessa ittiin tajaajilanu woyyuu waan te'eef, uffana san adoo ifi irraa baafatanee lafa hin keyin, achi keessaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti gad hin bayanu. Isaan gara addee kolbaa taaniititti adoo gad hin bayin woyaa dhibii uffatuu qaban» jedhe.
EZE 42:15 Namichi sun Galma Waaqaa keessa mikee fixeen duuba, gara karra karaa aduun baatuutiin gad na baasee, adaala alaa san mike.
EZE 42:16 Inni ulee miki'ii fuudhee cinaa karaa aduun baatuu mikee ciqilee dhibba shan te'e.
EZE 42:17 Achiin duuba karaa kaabaa ulee miki'iitiin mikee ciqilee dhibba shan te'e
EZE 42:18 Karaa kibballe mikee ciqilee dhibba shan te'e
EZE 42:19 karaa aduun seentulle mikee ciqilee dhibba shan te'e.
EZE 42:20 Maarre inni Galma Waaqaa cinaa arfanuu mara mike. Dalleenni dhaka'aa ka addee woyyittii addee woyyittii hin te'in irraa adda baasu ka dheerinni isaa ciqilee dhibba shanii, badhinni isaalle ciqilee dhibba shanii adaala san jiraayyu.
EZE 43:1 Achiin duuba inni gara karra karaa aduun baatuu na geesse.
EZE 43:2 Kunoo, ulfinni Waaqa Israa'elii karaa aduun baatuun dhufuun dhagge. Shookkessi dhufiisaa isaa akka shookkettii bisaan xinniquu ti; ulfinna isaatiin latti balaqqitte.
EZE 43:3 Mudhiin ani dhagge ta akka ani yennaa inni qachaa balleessiisaaf dhufe dhagge fakkaattu, mudhii laga Kebaarii biratti dhaggelle'een ta wol fakkaatti. Anille addaan lafatti gad gombifame.
EZE 43:4 Ulfinni Mootii Waan Maraa karaa karra karaa aduun baatuutiin gara Galma Waaqaa akkuma seeneen,
EZE 43:5 Ayyaanni ol na fuudhee gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geesse; kunoo, ulfinni Mootii Waan Maraalle Galma Waaqaa guute.
EZE 43:6 Namichi sun adoo na bira dhaabbatiisatti jiruu, nami tokko Galma Waaqaa keessaa natti dubbatuun dhage'e;
EZE 43:7 inni anaan, «Ee ilma Namaa! Tun addee barcumaa mootummaa tiyyaa, addee ijjata miila kiyyaa, addee ani kolbaa Israa'elii odduu haga bara baraa le'u. Kolbaan Israa'eliitii fi moototi isaanii haganaa achi gaarayyeeffatiisaan, waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii addee waaqonfannaa ifiititti waaqonfatiisaan maqaa kiyya woyyicha hin batteessanu.
EZE 43:8 Karaa seensuma balbala isaanii, karaa seensuma balbala tiyya bira, mikikkila isaanii mikikkila kiyyaa biratti dhaabiisaan, anaa fi isaan wodhakkaa dhaaba dhaka'aa tokko qofatti jira. Isaan waan diqachiisaa ifiitiin maqaa kiyya woyyicha batteessane; tanaaf ani aarii tiyyaan isaan fixe.
EZE 43:9 Amma isaan gaarayyeeffata ifiitii fi waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii anarraa geegessanuu ti; anille odduu isaanii haga bara baraa hin jiraadha.
EZE 43:10 «Ee ilma namaa! Yakkaa hujane akka fokkifatanu, marroo Galma Waaqaa kolbaa Israa'eliititti himi; isaan attam akka inni itti ijaaramiisaaf karoorfameeru yaadanuu ti.
EZE 43:11 Isaan waan godhane maratti yoo fokkifatane, Galmi Waaqaa attam akka itti ijaaramiisaaf akeekkameeru, attam akka ijaaramaaru, karaa gad baya isaa, karaa seensuma isaa akka isaan beekanu godhi; akeeka ijaarsa isaa duudii, seerataa fi seera isaa mara akka dansaa akka beekanu godhi; akka isaan seeraa fi seerata isaa hubatanee muummessanu ila isaanii duratti barreessi.
EZE 43:12 Seerri Galma Waaqaa kana: gaarri gubbaan adaallii gaaraa sun marti lafa irra caalaa woyyuu hin te'a. Kunoo, kun seera Galma Waaqaa ti.
EZE 43:13 «Mikiin addee ciinca'aa ta ciqilee dheertu'uu, ta ciqilee tokkoo fi taakku'uu ta asii gad jirtu. Jalli isi'ii ciqilee tokko hojjaa ol dheerata; isiin ciqilee tokko badhatti; irgi isi'ii ka itti naannoweeru taakkuu tokko hin te'a; kun hojjaa addee ciinca'aa hin te'a:
EZE 43:14 Hundee lafa irra jirtu irraa ka'ee haga irga buusaa gad aanuutitti hojjaan isi'ii ciqilee lama; badhinnille ciqilee tokko. Irga buusaa diqqa'aa irraa kaasee haga irga buusaa gudda'aatitti hojjaan isi'ii ciqilee afur, badhinni isi'iille ciqilee tokko.
EZE 43:15 Addeen ibiddaa ta ciinca'aa hojjaan isi'ii ciqilee afur; addee ibiddaa irraa gaafoti afur ol bayeera.
EZE 43:16 Addeen ibiddaa ta ciinca'aa cinaan isi'ii arfanuu wol qixa teetee, dheerinni ciqilee kudhanii lama, badhinnille ciqilee kudhanii lama.
EZE 43:17 Kaabiin dhaka'aa sun cinaan arfanuu wol qixxee te'ee, dheerinni isi'ii ciqilee kudhanii afur, badhinni isi'ii ciqilee kudhanii afur te'ee, badhinni xiyyoo isi'ii ka itti marfameeru gamisa ciqile'ee ti; naannoon hundee isi'ii martinuu badhinni ciqilee tokko; yaabbannooti addee ciinca'aa karaa aduun baatuun jiraniiyyu» jedhe.
EZE 43:18 Achiin duuba namichi anaan, «Ee ilma namaa! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Addeen ciinca'aa tun hujantee, kennansi gubamu yennaa dhikaatuu fi addee ciinca'aa tana irratti dhiigi yennaa fiffixamu, seerri isaanii kana:
EZE 43:19 Ati dardara tokko ka kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, hayyoota natti dhikaatanee ana tajaajilanu, sanyii Zaadoqii gosa Lewwootaatiif kenni.
EZE 43:20 Ati dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhiitii gaafota addee ciinca'aa afur irratti, roga kaabii dhaka'aa afur san irratti, marsa xiyyoo isaa mara irratti dibi. Akka kanaan addee ciinca'aa qulleessiitii, cubbuu isi'iitiif gumaa tolchi.
EZE 43:21 Dardara kennansa cubbu'uutiif dhikaate san fuudhiitii, adaala Galma Waaqaatitti, addee waan kanaaf adda baatetti, addee woyyitti'iin alatti gubi.
EZE 43:22 Guyyaa lammeesso'oo korbeessa re'e'ee ka fafa hin qanne fuudhiitii kennansa sababa cubbu'uutiif dhikeessi; addeen ciinca'aa akkuma dhiiga dardaraatiin qulleeffante, dhiiga korbeessa saniille'een qulleeffantuu ti.
EZE 43:23 Qulleessiisa kana qulleessitee yennaa fixxe, tika keessaa dardaraa fafa hin qanne tokkoo fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko,
EZE 43:24 Mootii Waan Maraa dura dhikeessi; hayyooti soodda itti fiffixanee, kennansa gubamu godhanee Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessan.
EZE 43:25 Guyyuma guyya'aan, guyyaa torbaaf korbeessa re'e'ee tokko kennansa sababa cubbu'uutiif dhikeessi; tika keessalle'ee dardara fafa hin qanne tokkoo fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne qopheessan.
EZE 43:26 Isaan guyyaa torbaaf addee ciinca'aa saniif, gumaa tolchanee isii hin woyyoonsan.
EZE 43:27 Guyyooti kun yennaa dabarane, guyyaa saddeetesso'ootiin jalqabee gara duraatitti hayyooti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa keessan addee ciinca'aa irratti hin dhikeessan; anille isin hin fudhadha› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
EZE 44:1 Achiin duuba namichi sun gara karra Galma Waaqaa ta fuullee aduun baatuu ta gara alaa na geesse; karri sun cufanteertiiyyu.
EZE 44:2 Mootiin Waan Maraa anaan, «Karri tun cufanteetuma leeti malee ijjumaa hin banantu; ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii achiin waan seeneef, eennulle achiin hin seenu. Tanaaf isiin akkuma cufantetti leeti.
EZE 44:3 Te'uu malee, qondaaltichi bulchaa biyyaa callaan sagalee woyyittii fuula ana Mootii Waan Maraa duratti nyaatiisaaf, achiin seenee tee'uu hin dande'a. Inni karaa soroo seensumaatiin seenee karuma seene saniin bayuu hin dande'a» jedhe.
EZE 44:4 Achiin duuba namichi sun karaa karra fuullee kaabaatiin Galma Waaqaa dura na geesse. Kunoo, ani ilaalee ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Mootii Waan Maraa guuteeruun dhaggee, ani addaan lafatti gad gombifame.
EZE 44:5 Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Qalbeeffadhuu ila teetiin ilaaliitii, waan ani sitti himu mara marroo seerataa fi seera Galma Waaqaa duudii gurra keetiin dhage'i! Karaa Galma Waaqaa seenanuu fi karaa Galma Waaqaatii gad bayanu midhassii hubadhu.
EZE 44:6 Worra finqilaa kolbaa Israa'eliitiin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Isin kolbaa Israa'elii, hujiin teessan diqachiittuun marti amma hin geetti.
EZE 44:7 Hujii teessan diqachiittuu san irratti edeetanee, worra naaf hin ajajanne ka haqanqabaa hin qabatin orma gara Galma kiyyaa galchitanee, yennaa sagalee, coomaa fi dhiiga naaf dhikeessitanu, Galma kiyya batteessitaneertan; gondooroo tiyyalle diiddaneertan.
EZE 44:8 Worri dhibiin meya kiyya woyyicha akka eeganuuf, achi keettane malee, isin ifiif meya woyyicha isinitti kenname san hin eenne jedha.
EZE 44:9 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Worri naaf hin ajajanne, ormi haqanqabaa hin qabatin, ka kolbaa Israa'elii odduu le'ulle yoo te'e gara Galma kiyyaa hin seenin.
EZE 44:10 « ‹Israa'elooti na hordofiisa irraa yennaa fagaatane, Lewwooti waaqa dharaa ifii hordofiisaan joonjanelle hin adabaman.
EZE 44:11 Lewwooti addee woyyittii tiyya keessa hin tajaajilan; karra Galma kiyyaa irra ideemanee ilaalaa, Galma kiyya keessa hin tajaajilan. Isaan kennansa gubamu qalanee, kolba'aafille ciincaa hin dhikeessan; dura isaanii dhaabbatanee kolbaa hin tajaajilan.
EZE 44:12 Isaan waaqota dharaa duratti kolbaa tajaajilanee, kolbaan Israa'elii yakkaa akka hujjuuf, gufuu waan te'aneef, akka isaan adabamuu qabanu kakadheera. Kana ana Mootii Waan Maraatitti dubbate.
EZE 44:13 Isaan hayyuu te'anee ana tajaajiliisaaf gara kiyya hin dhikaatanu; gara meya kiyya woyyichaa, gara waan kiyya ka irra caala woyyu'uu maralle hin dhikaatanu; ammoo waan diqachiittuu hujane saniif salphinna ifii hin uffatan.
EZE 44:14 Te'uu malee, hujii Galma Waaqaa itti gaafatamuma'aan akka hujanu, hujii Galma kiyya keessaa mara itti gaafatamumma'aan akka hujantu hin godha.
EZE 44:15 « ‹Kolbaan Israa'elii yennaa ana irraa gorane, worri hujii Galma kiyya keessaa addatamumma'aan hujane, sanyiin Zaadoqii Lewwooti, ana tajaajiliisaaf na dura hin dhufan. Coomaa fi dhiiga naaf hin dhikeessan.
EZE 44:16 Isaan callaan gara Galma kiyyaa seenanee na hin tajaajilan; isaan callaan fuula kiyya duratti na tajaajiliisaaf, seerata waaqonfanna'aa kiyyalle muummessiisaaf gara qorii tiyyaa hin dhikaatan.
EZE 44:17 Isaan yennaa karra badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa seenanu, woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatanuu ti; isaan yennaa karra badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa seenanu yookiin Galma Waaqaa keessa tajaajilanu, woyaa rifeensa hoole'ee hin uffatin.
EZE 44:18 Isaan mataa ifii irratti marata quncee talba'aa irraa hujame maratanuu ti; mutaandii quncee talba'aa irraa hujante hidhatanuu ti; woyaa isaan danfisiittu hin uffatin.
EZE 44:19 Isaan gara kolba'aa badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti yennaa gad bayanu, woyaa ittiin tajaajilane baafatanee kolloota woyyoota keessa keyanuu ti. Kolbaan woyaa woyyittii san tuxxee akka hin miidhanne, woyaa dhibii uffatanuu ti.
EZE 44:20 « ‹Isaan rifeensa mataa ifii quxatanuu ti malee, hin haadatin yookiin hin dheereffatin.
EZE 44:21 Hayyichi tokko gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa yennaa seenanu, daadhii woyni'ii hin unin.
EZE 44:22 Hayyooti dubartii abbaan worra irraa du'e yookiin lakkise hin fuudhin; ammoo durra sanyii Israa'elootaa yookiin dubartii hayyichi tokko irraa du'e qofa fuudhuu hin dande'an.
EZE 44:23 Hayyooti garaagarummaa waan aadaa dhugeeffanna'aatiin woyyuu te'eetii fi waan woyyuu hin te'inii kolbaa tiyya barsiisanuu ti; isaan garaagarummaa aadaa dhugeeffanna'aatiin waan qulqulluu te'eetii fi waan qulqulluu hin te'iniille isaanitti mudhisanuu ti.
EZE 44:24 « ‹Moromaan yennaa kaatu, isaan abbootii mura'aa te'anee tajaajilanuu ti; isaan akka seera kiyyaatitti muranuu ti. Isaan seeraa fi seerata jila tiyya ta beekkantee mara eegatanuu ti; Sanbata kiyyalle woyyoonsanuu ti.
EZE 44:25 Isaan nama du'etti dhikaatanee ifi hin batteessin. Te'uu malee nami du'e sun abbaa yookiin haadha, ilma yookiin intala, obboleessa yookiin obboleettii hin heeruminiif ifi batteessuu hin dande'an.
EZE 44:26 Hayyichi tokko qulqulloomeen duuballe guyyaa torba eegatuu ti.
EZE 44:27 Inni Galma Woyyicha keessa tajaajiliisaaf gara Galma Woyyichaa, gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa gaafa seenu kennansa sababa cubbuu ifii dhikeessuu ti; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
EZE 44:28 « ‹Ani lafa isaanii waan te'eef, Israa'el keessatti hayyootaaf latti hin kennamin. Ani qabeenna isaanii ti.
EZE 44:29 Kennansi midhaanii, kennansi sababa cubbu'uutii fi kennansi sababa yakka'aa, Israa'el keessatti wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti ta isaanii ti.
EZE 44:30 Midhaan gosa maraa keessaa ka mata'aa marti, kennansa keessan keessaa kennansi gosa maraa marti ka hayyootaa ti. Eebbi mana keessan irratti akka bu'uuf, bullaa teessan ta mata'aa irraa hayyootaaf kenna'a.
EZE 44:31 Hayyooti foon waan tokkoolle, foon sinbirre'ee yookiin foon bineensaa, foon waan ifiin du'ee yookiin foon waan bineensi ijjeesee hin nyaatin.
EZE 45:1 « ‹Isin hixaa buusiisaan lafa yennaa hirtanu, lafa kutaa woyyittii dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamaa, Mootii Waan Maraatiif adda baasa'aatii kenna'a; latti sun duudiin woyyuu hin teeti.
EZE 45:2 Lafa san keessaa ta dheerinni isi'ii ciqilee dhibba shan, badhinni isi'iille ciqilee dhibba shan te'e, ta addee duwwaa badhinni isi'ii ciqilee shantamaa adaala ifiitii qaddu Galma Waaqaatiif teetuu ti.
EZE 45:3 Addee woyyittii san irralle'ee, lafa dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii miki; tun Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa hin teeti.
EZE 45:4 Latti tun lafa san keessaa kutaa woyyittii hin teeti. Isiin hayyoota Galma Waaqaa keessa tajaajiltu, ta Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf isatti dhikaattuuf, hin teeti; addeen tun addee manni isaaniitii fi addee woyyittii Galmi Waaqaa itti ijaaramu hin teeti.
EZE 45:5 Latti dhibiin ta irraa hatte, ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhanii Lewwoota worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanuuf, qachaa keessa le'anu itti ijaarratiisaaf qabeenna isaanii hin teeti.
EZE 45:6 « ‹Addee woyyittii adda baate sanitti aantee, addee badhinni isi'ii ciqilee kuma shanii, dheerinni isi'iille ciqilee kuma diddamii shanii, kolbaa Israa'elii maraaf addee qachaa itti ijaaranu teetuu ti.
EZE 45:7 « ‹Qondaaltichi bulchaan biyyaa addee woyyittii sanii fi qachaa san karaa aduun seentuu fi karaa aduun baatuun, lafa haga meessaa biyyaa dheerattu qabaachuu qaba; latti sun haguma lafa gosa tokkoof kennantuu dheerattuu ti.
EZE 45:8 Latti tun lafa Israa'elii keessatti qondaalaaf hin teeti; haganaa achi qondaaltoti tiyya kolbaa tiyya hin cunqursanu; kolbaan Israa'elii ammoo akkuma gosa gosa ifiititti lafa qabaatanuu ti.
EZE 45:9 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, qondaaltota Israa'elii! Isin geettuu ti; hunnaan namatti ka'iisaa fi nama cunqursiisa lakkisa'a; haqaa fi balchummaa huja'a; kolbaa tiyya lafa isaanii irraa ari'iisa lakkisa'a; tana ana Goottaa Mootii Waan Maraatitti dubbate.
EZE 45:10 Isin waan ittiin safartanu ka «Eefaa» jedhamuu fi ka «Baatihii» jedhamu ka sirrii te'ane qabaadha'a.
EZE 45:11 Eefa'aa fi baatihiin sun wol qixxee te'anuu ti; isaan lamaanuu yennaa mara madaallii «Homer» jedhamu harka kudhan keessaa harka tokko qabatan. Homer madaallii wolii galaa te'uu ti.
EZE 45:12 Isin biratti madaalliin keessan ka «Sheeqelii» jedhamu tokko madaallii «Geraa» jedhamu diddama; sheeqelii diddama irratti sheeqelii diddamii shanii fi sheeqeliin kudhanii shan yennaa ede'ame madaallii «Miinaa» jedhamu tokko hin te'a.
EZE 45:13 « ‹Kennansi isin dhikeessitanu, qamadii omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko, garbuu omeerii tokko tokko keessaa eefaa jaa keessaa eefaa tokko,
EZE 45:14 Zayitii irralle'ee waan ittiin safartanu ka «Korii» jedhamu tokko tokkooyyuu irraa akkuma omeerii baatihii kudhan keessaa baatihii tokko te'uu ti.
EZE 45:15 Akkasuma tika hoolee Israa'elootaa ta lafa bisaan bacaan jiruu keessaa hoolee dhibba lamaa keessaa hoolee tokko kenna'a. Kun marti kennansa midhaanii, kennansa gubamu, kennansa tokkumma'aa ka gumaa cubbuu kolba'aa te'anuu ti. Kana ani Goottaan Mootiin Waan Maraa dubbadheera.
EZE 45:16 Kolbaan Israa'elii marti kennansa addaa kana qondaala Israa'el keessaatiif kennituu ti.
EZE 45:17 Kennansa gubamu, kennansa midhaanii, kennansa daadhii woyni'ii, guyyoota jilaatitti, guyyoota baatii ji'aatii fi guyyoota Sanbataatitti, jila Israa'elii ta beekkante mara irratti dhikeessiis hujii qondaala Israa'elii ti; inni kennansa sababa cubbu'uu, kennansa midhaanii, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kolbaa Israa'eliitiif gumaa araara cubbu'uu hin dhikeessa.
EZE 45:18 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ji'a tokkeesso'oo, ji'a san keessa guyyaa tokkeesso'oo loon keessaa dardara fafa hin qanne tokko fuudhii ciincessii, Galma Waaqaa qulleessi.
EZE 45:19 Hayyichi dhiiga kennansa sababa cubbu'uu san irraa diqqaa isaa fuudhee, mikikkiloota Galma Waaqaa, irga addee ciinca'aa roga arfanuu, mikikkiloota karra gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaatitti seenanuu dibuu ti.
EZE 45:20 Nami tokko dokonkoraan yookiin adoo hin beekin cubbuu hujeef guyyaa torbeesso'oo akkuma kana godhi; maarre akkanaan Galma Waaqaatiif gumaa godhi.
EZE 45:21 « ‹Ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, Jila Irra Dabaramaa jilifadha'a; guyyaa torbaaf daabboo uukoo hin qanne hin nyaattan
EZE 45:22 Inni guyyaa san qondaalli ifii fi kolbaa lafa sanii maraaf kennansa sababa cubbu'uu dardara tokko qopheessuu ti.
EZE 45:23 Guyyoota jilaa torba sanitti, dardaroota torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba ta fafa hin qanne, guyyuma guyya'aan kennansa gubamuuf ana Mootii Waan Maraatiif hin qopheessa; korbeessa re'e'eelle kennansa sababa cubbu'uutiif guyyuma guyya'aan hin qopheessa.
EZE 45:24 Inni dardara san tokko tokkooyyuu woliin bullaa eefaa tokko tokko, korbeessa hoole'ee san tokko tokkooyyuu woliin bullaa eefaa tokko tokko, bullaa eefaa tokko tokko sanille zayitii ejersaa litirii sad sad woliin qopheessuu ti.
EZE 45:25 « ‹Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti guyyoota jilaa torba sanitti, hayyichi kennansa sababa cubbu'uutiif, kennansa gubamuuf, kennansa midhaaniitii fi kennansa zayiti'iitiifille akkasuma qopheessuu ti.
EZE 46:1 « ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Karri badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa ta fuullee karaa aduun baatuu, guyyaa huji'ii jaa cufantuu ti; guyyaa sanbataatii fi guyyaa baatii ji'aa ammoo banantuu ti.
EZE 46:2 Qondaalli yennaa alaa dhufu karaa soroo karraatiin seenee, mikikkila karraa san bira dhaabbatuu ti. Hayyooti kennansa inni qopheesse kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessanu ti; qondaaltichi adduma badhinna karraa sanitti sagaduu ti. Achiin duuba inni hin baya; karri ammoo haga galgalaatitti hin cufantu.
EZE 46:3 Guyyaa sanbataatii fi guyyaa baatii ji'aa kolbaan lafa sanii seensuma karra saniititti Mootii Waan Maraa duratti gad gombifantee sagadduu ti.
EZE 46:4 Qondaaltichi guyyaa sanbataa kennansa gubamuuf buruusota korbeeyyii hoole'ee ta fafa hin qanne jaa fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
EZE 46:5 Kennansi midhaanii ka korbeessa hoole'ee san woliin dhikaatu eefaa tokko te'uu ti; ka buruusota korbeeyyii hoole'ee san woliin dhikaatu haguma inni kennuu dande'e te'uu ti; eefaa tokko tokkooyyuu woliin zayitii litirii sad fiduu ti.
EZE 46:6 Guyyaa baatii ji'aa inni loon keessaa dardara fafa hin qanne tokko, buruusota korbeeyyii hoole'ee jaa fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko dhikeessuu ti.
EZE 46:7 Kennansa midhaanii dardara tokko san woliin bullaa eefaa tokko, korbeessa hoole'ee tokko san wolille'een bullaa eefaa tokko, buruusota san woliin haguma inni kennuu dande'e, bullaa eefaa tokko tokko saniif zayitii litirii sad sad dhikeessuu ti.
EZE 46:8 Qondaalli sun yennaa seenu, karaa soroo karraatiin seenee, yennaa bayulle karuma saniin bayuu ti.
EZE 46:9 « ‹Guyyoota jila beekkantee mara kolbaan lafa sanii Mootii Waan Maraa dura yennaa dhufanu, worri karaa karra kaabaatiin seene, karaa karra kibbaatiin bayanuu ti; worri karaa karra kibbaatiin seene, karaa karra kaabaatiin bayanuu ti; eennulle karaa karra seeneetiin hin bayin. Ammoo adoo gara hin galin gara duraa bayuu ti.
EZE 46:10 Yennaa isaan seenanu, qondaalli isaan woliin seenuu ti; yennaa isaan bayanulle inni isaan woliin bayuu ti.
EZE 46:11 Guyyoota jilaatii fi guyyoota jila beekkantee mara kennansi midhaanii ka dardara tokko woliin dhikaatu bullaa eefaa tokko, ka korbeessa hoole'ee tokko wolille'een dhikaatu eefaa tokko te'uu ti; buruusota woliin haguma inni kennuu dande'e, bullaa eefaa tokko tokkoof zayitii litirii sad dhikeessuu ti.
EZE 46:12 « ‹Qondaala fedhii ifiitiin kennansa gubamu yookiin kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisa dhufuuf, nami tokko karra fuullee karaa aduun baatuu isaaf banuu ti. Innille akkuma guyyaa sanbataa kennu san kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa kennuu ti. Achiin duuba inni bayee deemuu ti; inni deemeen duuba karri cufantuu ti.
EZE 46:13 « ‹Inni guyyuma guyya'aan ganama mara buruusoo korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne ka woggaa tokkoo kennansa gubamuuf ana Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessa.
EZE 46:14 Isa woliin kennansa midhaanii ganama mara bullaa eefaa tokko harka jaa keessaa harka tokko, bullaa ittiin sukkuumiisaaf zayitii litirii tokko qopheessuu ti; kunille seera yennaa maraa te'uu ti.
EZE 46:15 Akka kanaan buruusi korbeessa hoole'ee, kennansi midhaaniitii fi zayitiin guyyuma guyya'aan ganama mara kennansa gubamuuf dhikaatanuu ti jedha› jedhiin» jedhe.
EZE 46:16 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Qondaalli tokko lafa ifii irraa ilmaan ifii keessaa ilma tokkoof yoo kenne, latti sun ilmaan isaatii fi sanyii isaaniitiif dabartee dhaala teetuu ti.
EZE 46:17 Qondaalli tokko lafa ifii irraa tajaajiltoota ifii keessaa tajaajilaa tokkoof yoo kenne ammoo haga woggaa bilisumma'aatitti ka isaa teetuu ti. Achiin duuba isiin qondaaltichaaf deebituu ti; latti sun ta isaa waan teeteef, ilmaan isaa qofaaf teetuu ti.
EZE 46:18 Qondaalli kolbaa irraa lafa hunnaan hin fudhatin; kolbaan tiyya lafa ifii irraa akka hin bittinnoonneef, latti inni ilmaan ifiitiif kennu qooda ifii qofa irraa teetuu ti» jedha.
EZE 46:19 Achiin duuba nami sun karaa seensuma karra bira jiruutiin gara kolloota woyyoota hayyootaa ta fuullee kaabaatitti tarre'etti jiranuu na geesse. Kunoo, dhuma kollootaa karaa aduun seentuun addee takkatti jiraayyu.
EZE 46:20 Inni anaan, «Isaan kennansa woyyoota kana gara addee badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fidanee kolbaan akka hin miidhanneef, addeen tun addee hayyooti kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatulle itti iffeelanuu fi addee kennansa midhaanii itti bilcheessanu» jedhe.
EZE 46:21 Achiin duuba nami sun gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa na geessee, roga arfan irra na marsiise. Kunoo, roga badhinna dalleya keessaa san tokko tokkoo isaaniituu irra badhinna dalleya keessaa ka dhibi'itti jiraayyu.
EZE 46:22 Roga badhinna dalleya keessaa san arfanuu irra badhinna dalleya keessaa didiqqaa ka dheerinni isaanii ciqilee afurtamaa, badhinni isaaniille ciqilee soddomaatitti jiraayyu; isaan arfanuu woluma qixa.
EZE 46:23 Cinaa badhinna dalleya keessaa didiqqaa san arfaniituu gara keessaatiin dhaaba dhaka'aatitti naanneffamee jiraayyu; dhaaba dhaka'aa san mara jala addee ibidda itti bobeessanutti jiraayyu.
EZE 46:24 Achiin duuba namichi sun anaan, «Kun marti addee tajaajiltooti Galma Waaqaa ciincaa kolbaan dhikeessitu itti iffeeltu» jedhe.
EZE 47:1 Achiin duuba namichi sun gara balbala Galma Waaqaa deebisee na fide; kunoo, mikikkila Galma Waaqaa san jalaa bisaan burqee, Galmi Waaqaa karaa aduun baatutti fuula waan galeeruuf, bisaan sun gara karaa aduun baatuu laana yaa'uun dhagge; bisaan sun addee ciinca'aa irraa gara kibbaatiin, Galma Waaqaa maddii kibbaatiin karaa aduun baatu gad yaa'e.
EZE 47:2 Achiin duuba namichi sun karaa karra gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessaa na baasee, gara alaatiin na marsiisee, gara karra gara alaa ta fuullee karaa aduun baatuu na geesse; kunoo, bisaan karra san gara kibbaatiin karaa aduun baatu laana yaa'uun dhagge.
EZE 47:3 Namichi sun wodaroo miki'ii qabatee bisaan karaa aduun baatu yaa'u gula deemee ciqilee kuma tokko mike; achiin duuba inni akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun gulubii na geye.
EZE 47:4 Ammalle inni ciqilee kuma tokko mikee akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun jilba na geye; ammalle inni ciqilee kuma tokko mikee, akka ani bisaan san keessa deemu na godhee, bisaan sun hidha na geye.
EZE 47:5 Itti dabalee inni ciqilee kuma tokko mike; bisaan sun waan guuteeruuf, qilee ka nami daakiisaan malee gamatti bu'iisa hin dandeenne waan te'eef, anille keessa deemee gamatti bu'iisa hin dandeenne.
EZE 47:6 Namichi sunille, «Ee ilma namaa! Ati tana dhaggiteertaa?» naan jedhe. Achiin duuba inni gara qarqara lagaa duubatti na deebise.
EZE 47:7 Ani adoo deebi'iisatti jiruu qarqara laga sanii gamaa fi gamanatti mukoota akka malee bacaa dhagge.
EZE 47:8 Namichi sun anaan, «Bisaan kun gara lafa karaa aduun baatuu, gara dhooqa Yordaanosiititti gad yaa'a. Bisaan kun yennaa abbaayaa sooddaa seene, bisaan abbaayaa sooddaa sun haareffamee bisaan dansaa hin te'a
EZE 47:9 Addee bisaan sun dhaqu maratti dadi lubbuu qaddu marti lubbu'uun hin jiraatti; addee bisaan kun dhaqu maratti qurxummiin bacaan hin jiraatti; bisaan kun achi waan dhaquuf bisaan abbaayaa sooddaa tolee dansaa hin te'a; maarre addee bisaan kun dhaqu maratti wonni marti lubbu'uun hin jiraatti.
EZE 47:10 Worri qurxummii qabatu qarqara abbaayaa sooddaa hin dhaabbatan. En-Gedii jalqabee haga En-Eglaayimiititti lafa caccoo qurxummii ittiin qabatanu itti afatanu hin teeti; qurxummiin isi'ii akka qurxummii abbaayaa Mediteraaniya'aa qurxummii gosa adda addaa bacaa hin teeti.
EZE 47:11 Te'uu malee caffaan isi'iitii fi haroon isi'ii soodduma te'anee hafan malee tolanee bisaan dansaa hin te'anu.
EZE 47:12 Qarqara laga sanii gamaa fi gamana mukooti adda addaa ka sagalee te'anu hin latan. Isaan bisaan Galma Waaqaa jalaa burqu waan dhaggatanuuf, baalli isaanii hin qooru; midhaan isaaniille hin dhabamu; ji'uma ji'aan midhaan haareya buusan; midhaan isaanii nyaataaf, baalli isaanii qorsaaf hin te'a» jedhe.
EZE 47:13 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Meessaan lafa ati gosa Israa'elii kudhanii lamaaf qoodduu ka asii gad jiru kana. Gosi Yoseefii qooda lama qabaattuu ti.
EZE 47:14 Lafa tana wol qixxee qoodama'a; ani abbootii teessan ta duriitiif lafa tana kenniisaaf kaku'uun waadaa waan galeeruuf, latti tun dhaala keessan hin teeti.
EZE 47:15 «Meessaan lafa tanaa akkana hin te'a: Meessaan kaabaa abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa ka'ee, karaa qachaa Hetlooniitiin haga seensuma Haamaatii dhaqee, dabareelle haga qachaa Zedaadii,
EZE 47:16 haga qachaa Beroota'aatii fi qachaa Siibraayimii ka meessaa Damaasqo'ootii fi meessaa Haamaatii wodhakkaa jiranuu, haga qachaa Haazer-Hatiikonii ka meessaa biyya Hawuraanii dhaqa.
EZE 47:17 Akka kanaan meessaan abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa karaa aduun baatu, meessaa Damaasqo'oo gara kaabaatiin, qachaa Haamaatii gara kaabaatitti lakkisee, gara qachaa Hazar-Enonii dhaqa; kun meessaa kaabaa ti.
EZE 47:18 «Meessaan karaa aduun baatuu Damaasqo'oo fi Hawuraan wodhakka'aan dabaree, laga Yordaanosii gula lafa Giil'aadiitii fi lafa Israa'elii wodhakkaa dabaree, gara abbaayaa sooddaa ta karaa aduun baatuu haga qachaa Taamaarii dhaqa; kun meessaa karaa aduun baatuu ti.
EZE 47:19 «Meessaan kibbaa Taamaarii ka'ee haga bisaan Mariibaa-Qaadeshii ti; achille'ee laga gogaa Gibxi'ii gula haga abbaayaa Mediteraaniya'aa dhaqa; kun meessaa kibbaa ti.
EZE 47:20 «Meessaan karaa aduun seentuu abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee haga fuullee seensuma Haamaatii dhaqa; kun meessaa gara aduun seentuu ti.
EZE 47:21 «Gosoota teessan Israa'el oddu'utti lafa tana qoqoodama'a;
EZE 47:22 isin ifii fi worra ormaa ka odduu teessan jiru ka ijoollee qabanuufille, dhaala godha'aatii hixaa buusa'aatii qoodama'a; isaan akkuma ijoollee Israa'elii ka worra dhalataa biyyaa te'anuu ti. Gosa Israa'elii oddu'utti hixaa buufatiisaan qooda lafaa qabaatanuu ti.
EZE 47:23 Nami ormaa ka Israa'el keessa le'u kolbaa gosa Israa'elii ka keessa le'u woliin qooda ifii qabaatuu ti; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
EZE 48:1 «Maqaan gosoota lafa qoodamiisaaf galmeeffamanee isaan kana: Karaa kaabaatiin gosi Daanii qooda tokko hin qabaata; meessaan isaalle abbaayaa Mediteraaniya'aa irraa ka'ee karaa qachaa Hetloonii dhaqu gula deemee gara seensuma Haamaatii, gara qachaa Hazar-Enonii dhaqa. Damaasqoo gara kaabaa lakkisee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuu ti.
EZE 48:2 Meessaa Daaniititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, Asheer qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:3 Meessaa Asheeriititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Niftaalemii qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:4 Meessaa Niftaalemiititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Minaase'ee qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:5 Meessaa Minaase'eetitti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Efreemii qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:6 Meessaa Efreemiititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Ruubenii qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:7 Meessaa Ruubeniititti aanee, meessaa karaa aduun baatuutii jalqabee haga meessaa karaa aduun seentuutitti, gosi Yihuda'aa qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:8 «Lafa Meessaa Yihuda'aatitti aantee, meessaa karaa aduun baatuu jalqaddee haga meessaa karaa aduun seentuutitti jirtu, qooda ati kennansa addaa gootee dhikeessitu teetuu ti; latti tun badhinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, dheerinni isi'ii karaa aduun baatuu jalqaddee haga karaa aduun seentuutitti qooda gosa tokkoo woliin wol qixxee teetuu ti. Galmi Waaqaa wodhakkaa lafa saniititti ijaarratuu ti.
EZE 48:9 «Latti isin qooda addaa gootanee Mootii Waan Maraatiif kennitanu dheerinni isi'ii ciqilee kuma kudhan, badhinni isi'ii ciqilee kuma diddama te'uu ti.
EZE 48:10 Tun qooda woyyittii hayyootaa teetuu ti; karaa kaabaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isaa karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa kibbaatiin dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shan te'ee, Galmi Waaqaa wodhakkaa isaatitti hin te'a.
EZE 48:11 Kun hayyoota sanyii Zaadoqii keessaa worra woyyoota yennaa kolbaan Israa'elii karaa irraa gorte Lewwoota worra kaan woliin adoo karaa irraa hin gorin waan ani isaan ajaje eegataneef te'uu ti.
EZE 48:12 Tun qooda lafa woyyitti'ii keessaa, Addee Irra Caalaa Woyyittii, isaaniif kennansa addaa teetee, ta meessaa Lewwootaatitti aantee jirtu.
EZE 48:13 Karaa meessaa hayyootaatiin, Lewwooti qooda lafaa ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhan teete hin qabaatti; wolumatti dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shan, badhinni isi'ii ciqilee kuma kudhan hin teeti.
EZE 48:14 Isaan lafa tana irraa gurguruu yookiin jijjiiruu hin qabanu; latti tun lafa mara keessaa irra caalaa dansaa ta teete; Mootii Waan Maraatiif ta woyyoonte waan teeteef, harka nama dhibi'iititti dabarfantee hin kennantu.
EZE 48:15 «Lafa woyyittii tana irraa qoodantee ta hatte ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shanii, ta badhinni isi'ii ciqilee kuma shanii ta wolumatti kolbaan itti fayyadantu, manaa fi kaloo hori'iitiif hin teeti. Wodhakkaa isi'iititti qachaan hin te'a;
EZE 48:16 mikiin roga cinaa qachaa sanii arfanuu wol qixxee te'ee, karaa kaabaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa kibbaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa aduun baatuun ciqilee kuma afurii fi dhibba shan, karaa aduun seentuun ciqilee kuma afurii fi dhibba shan hin teeti.
EZE 48:17 Latti qacha'aa sun lafa horiin dheedu hin qabaatti: karaa kaabaatiin ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa kibbaatiin ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa aduun baatuun ciqilee dhibba lamaa fi shantama, karaa aduun seentulle'een ciqilee dhibba lamaa fi shantama hin teeti.
EZE 48:18 Latti irraa hatte ta addee woyyitti'itti aante, karaa aduun baatuun ciqilee kuma kudhan, karaa aduun seentuun ciqilee kuma kudhan hin teeti; midhaan lafa sanii hojjattoota qacha'aatiif sagalee hin te'a.
EZE 48:19 Hojjattooti qachaa sanii ka gosa Israa'elii mara keessaa dhufane lafa san hin qotatan.
EZE 48:20 Guutumatti latti isin qooda addaa gootane kennitane qooda qacha'aaf kenname dabalattee wolumatti cinaan roga isi'ii arfanuu ciqilee kuma diddamii shan hin teeti.
EZE 48:21 «Lafa qooda woyyicha teete sanii fi lafa addee qacha'aa teete san bitta'aa fi middatti latti hatteertu ta qondaalaa teetuu ti. Tunille lafa qooda woyyicha teete ciqilee kuma diddamii shan irraa ka'ee karaa aduun baatu haga meessaa karaa aduun baatuu, lafa qooda woyyicha teete ciqilee kuma diddamii shan irraa ka'ee karaa aduun seentu haga meessaa karaa aduun seentuu ti. Latti lafa qooda gosa Israa'elii cinaa lamaaniin wol qixxee dheerattu ta qondaalaa hin teeti. Akka kanaan addeen woyyitti'ii fi Galmi Waaqaa wodhakkaa lafa sanii hin te'an.
EZE 48:22 Tanaaf latti qooda Lewwootaatii fi latti qooda qacha'aa lafa qooda qondaalaaf kenname san wodhakkaa hin teeti. Latti qondaalaalle lafa Yihuda'aatii fi lafa Beniyaamii wodhakkaa hin teeti.
EZE 48:23 «Qoodi gosa worra hafee ka asii gad jiru: gosi Beniyaaminii meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuu qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:24 Lafa qooda Beniyaaminiititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Shimi'oonii qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:25 Lafa qooda Shimi'ooniititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Yisaakorii qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:26 Lafa qooda Yisaakoriititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Zebuloonii qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:27 Lafa qooda Zebulooniititti aanee meessaa karaa aduun baatuutii haga meessaa karaa aduun seentuutitti gosi Gaadii qooda tokko hin qabaata.
EZE 48:28 «Lafa qooda Gaadiititti aanee meessaa karaa kibbaatiin, qachaa Taamaariitii ka'ee haga bisaan Mariibaa-Qaadeshii hin dhaqa; achille'ee laga gogaa Gibxi'ii gula deemaa haga abbaayaa Mediteraaniya'aa dhaqa.
EZE 48:29 Latti isin dhaala gootanee hixaa buusiisaan gosa Israa'eliitiif qooddanu isii tana» jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
EZE 48:30 «Karri qachaa keessaa ittiin gad bayanu ka asii gad jiran: Maddiin karaa kaabaa ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee,
EZE 48:31 karri qachootaa maqaa gosa Israa'eliitiin waamaman; karri sadiin kaabaa karra Ruubenii, karra Yihuda'aatii fi karra lewwi'ii ti.
EZE 48:32 Maddiin karaa aduun baatuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Yoseefii, karra Beniyaamiitii fi karra Daanii ti.
EZE 48:33 Maddiin karaa kibbaa ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Shimi'oonii, karra Yisaakoriitii fi karra Zebuloonii ti.
EZE 48:34 Maddiin karaa aduun seentuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan te'ee, karri isaa sadiin karra Gaadii, karra Asheeriitii fi karra Niftaalemii ti.
EZE 48:35 Naannoon qacha'aa ciqilee kuma kudhanii saddeeti. Yennaa sanii jalqabee maqaan qacha'aa ‹Mootiin Waan Maraa achi jira› hin jedhama» jedhe.
DAN 1:1 Yehoyaaqiim biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar dhufee qachaa Yerusaalemii marse.
DAN 1:2 Goottaan biyya Yihuda'aa Yehoyaaqiimii fi meya Galma Waaqaa keessaa gamisa harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne; Nebukadnezaarille worra booji'e gara biyya ifii ta «Shiinaar» jedhantuu geessee, meya Galma Waaqaa keessaa booji'elle mana waaqota ifii ka Baabilon keessa jiru keessa keye.
DAN 1:3 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar worra Israa'elootaa ka booji'ame keessaa maatii moototaatii fi qondaaltotaa keessaa dargaggoota dhiiraa garii filee akka fiduuf bulchaa guneessota ifii Ashfenaaz ajaje;
DAN 1:4 dargaggooti filamanu kun worra nafa ifii irratti fafa hin qanne, worra dadansaa, worra ogummaa mara qalbeeffatu, worra qaroo, worra hubatiisaaf ariifatu, mana mootumma'aa keessa tajaajiliisaaf worra dandeettii qabu te'uu qaban; afaan worra Baabilonii dubbisiisaa fi barreessiisa akka isaan barsiisuufille Ashfenaaz ajaje.
DAN 1:5 Mootichi Nebukadnezaar guyyuma guyya'aan sagalee ifiif nyaatu irraa, daadhii woyni'ii ta ifiif unu irraa isaaniifille akka kennamu ajaje; isaan woggaa sadiif leenjifamaneen duuba, mooticha tajaajiliisaaf seenan.
DAN 1:6 Worra gosa Yihuda'aa keessaa worri filatame Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'a.
DAN 1:7 Bulchaan qondaaltota mootichaa maqaa isaanii jijjiiree, Daani'eliin «Belxishaazaar», Hanaaniya'aan «Shaadraak», Mishaa'eliin «Meshaak», Azaariya'aan «Abedneegoo» jedhee moggaase.
DAN 1:8 Daani'el sagalee mootichaa nyaatiisaan, daadhii woyni'ii isaalle uniisaan akka ifi hin batteessine murteeffate; maarre akka ifi hin batteessineef, yaada kana akka isaaf eeyyamuuf Ashefenaaz gaafate.
DAN 1:9 Waaqi akka Daani'el qondaalticha duratti fudhatama dhaggatuu fi akka inni gadhaa isaaf laafu godhe.
DAN 1:10 Te'uu male bulchaan qondaaltotaa mooticha waan sodaateef, Daani'eliin, «Ani mooticha goottaa kiyya ka sagale'ee fi daadhii woyni'ii isiniif ajaje hin sodaadha; isin dargaggoota dhibi'iin caalaa yoo huqqatanee daalachootane mootichi na hin ijjeesa» jedhe.
DAN 1:11 Achiin duuba Daani'el gara namicha Ashefenaaz eedduu Daani'elii, Hanaaniya'aa, Miishaa'eliitii fi Azaariya'aa godhe sanii dhaqee,
DAN 1:12 «Maganne'ee, akka nyaannuuf waan ficha'atti dhaabamuu fi bisaan unnu callaa guyyaa kudhaniif nuu kenniitii, nu tajaajiltoota teeti waan teenu ilaal.
DAN 1:13 Achiin duuba bifa keennaa fi bifa dargaggoota sagalee mootichaa nyaatanuu wol bira qabiitii ilaal; waan dhaggiteen nu tajaajiltoota teeti waan feete godhi» jedhe.
DAN 1:14 Maarre innille yaada kana isaaniin wolii galee guyyaa kudhaniif waan isaan te'anu ilaale.
DAN 1:15 Guyyaa kudhaniin duuba bifi isaaniitiif gabbinni nafa isaanii, dargaggoota sagalee mootichaa nyaatanu caalee dhaggame.
DAN 1:16 Maarre namichi isaan eegu sun, guyyaa saniin jalqabee, sagalee dansa'aa fi daadhii woyni'ii akka unanuuf ta mana mootumma'aa irraa isaaniif kennantu dhooggee, waan ficha'atti dhaabamu callaa isaaniif kenne.
DAN 1:17 Waaqi dargaggoota arfan tanaaf beekkumsa, dandeettii barreessiisa maraatii fi qarummaa isaaniif kenne; Daani'el ammoo mudhi'ii fi oojjuu mara hiikiisaafille dandeettii qabaayyu.
DAN 1:18 Barri akka isaan dhikaatanuuf mootichi murteesse geennaan, bulchaan qondaaltotaa Nebukadnezaar dura isaan dhikeesse.
DAN 1:19 Mootichille yennaa isaan mara dubbise, isaan mara keessaa ka akka Daani'elii, Hanaaniya'aa, Miishaa'eliitii fi Azaariya'aa hin dhagganne; tanaaf isaan akka mooticha tajaajilanuuf filamane.
DAN 1:20 Marroo qarumma'aatii fi hubanti'ii mara waan ilaalu, mootichi yennaa isaan gaafate, worra xanu fi worra moru ka mootummaa isaa keessatti dhaggamanu mara keessaa dachaa kudhan caalanee dhagge.
DAN 1:21 Qiiros mootii te'ee haga woggaa tokkeesso'ootitti Daani'el achuma mana mootumma'aa keessa tajaajilaa ture.
DAN 2:1 Nebukadnezaar mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti oojjuu guddoo isa rakkittee hirriiba dhooggitu oojjate.
DAN 2:2 Maarre oojjuu inni oojjate akka isaaf hiikanuuf worra xanu, worra moru, worra falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka waamamanu ajaje; isaanille dhufanee mooticha dura yennaa dhaabbatane,
DAN 2:3 inni isaaniin, «Ani oojjuu oojjadhee, hiikkaan oojjuu tanaa beekiisaaf guddoo rakkadheera» jedhe.
DAN 2:4 Achiin duuba isaan afaan Aaramiitiin mootichaan, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhane.
DAN 2:5 Mootichille deebisee isaaniin, «Isin oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti hin himin, harki fi miilli keessan akka isin irraa ciramu, manni keessanille diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u jabeessee murteeffadheera.
DAN 2:6 Oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti beessittane ammoo kennansaa fi badhaasa, ulfinna guddaalle na irraa hin fudhattan; tanaaf oojjuu tiyya hiikkaa isi'ii woliinuu natti hima'a» jedhe.
DAN 2:7 Isaan ammalle, «Mooticha keenna, oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhanee deebisane.
DAN 2:8 Mootichi deebisee, «Ani jabeessee akka murteeffadhe waan beettanuuf, yennaa dheerefatiisaaf akka wodhaaniisatti jirtanu hubadheera;
DAN 2:9 isin oojjuu tiyya yoo natti hin himin, adabbii gosa tokkootitti isin mara eegata; isin haalli waan jijjiiramu seetanee, dubbii sobaatii fi dokonkorsitu natti himiisaaf wolii galtane; tanaaf oojjuu tiyya natti hima'a; anille hiikkaa isi'ii akka isin dandeettanu tanaan beeka» jedhe.
DAN 2:10 Isaanille deebisanee, «Biyya lafaa tana keessa waan mootichi gaafate deebisuu ka dande'u tokkolle hin jiru; tanaan qaralle mootiin akka fedhe gudda'aa fi hunnaamessa te'ulle waan akka kanaa worra moru, worra xanu, worra falfaluu fi worra waan dhossa'aa himu gaafatee hin beeku.
DAN 2:11 Wonni mootichi gaafatu sun guddoo rakkisa'a; waaqota odduu namaa hin leene malee, eennulle gaaffii san mootichaaf beessisuu hin dande'u» jedhane.
DAN 2:12 Dubbiin tun waan mooticha aarsitee bobeessiteef, inni qarooleen biyya Baabilonii marti akka ijjeefamanu ajaje.
DAN 2:13 Maarre qarooleen akka ijjeefamanuuf ajaji baanaan, Daani'elii fi jaalota isaa ijjeesiisaaf barbaadane.
DAN 2:14 Achiin duuba ajajaan eeddota mootichaa Ariiyok, qaroolee biyya Baabilonii ijjeesiisaaf yennaa dhufe, Daani'el qarumma'aa fi malaan isa dubbisee,
DAN 2:15 Ariiyokii ajajaa eeddota mootichaa saniin, «Mootichi ajaja jabaa kana maaf baase?» jedhee gaafate; Ariiyokille dubbii san Daani'elitti beessise.
DAN 2:16 Maarre Daani'el gara mootichaa ol seenee, oojjuu isaa hiikiisaaf akka mootichi yennaa isaaf kennu gaafate.
DAN 2:17 Achiin duuba Daani'el gara mana ifii deebi'ee, dubbii san jaalota ifii Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'atti beessisee,
DAN 2:18 marroo dhossaa dubbii tanaatiifille, innii fi jaaloti isaa qaroolee biyya Baabilonii woliin akka hin banneef, Waaqa ol-gubba'aa irraa marartii akka gaafatanu itti hime.
DAN 2:19 Halkan keessa dubbiin dhossa'aa sun mudhi'iin Daani'elitti mudhatte; achiin duuba Daani'eli Waaqa ol-gubba'aa leellifatee,
DAN 2:20 «Qarumma'aa fi hunni ta isaa waan teeteef, maqaan Waaqaa haga bara baraa leellifamuu ti!
DAN 2:21 Inni yenna'aa fi bara hin jijjiira; mootota mootummaa irraa hin buusa; hin mootonsalle'e; worra qaroolle'eef qarummaa, worra hubatuuf beekkumsa ka kennu isa.
DAN 2:22 Inni waan qilee keessaatii fi waan dhokateeru hin mudhisa; inni waan dukkana keessa jiru hin beeka; ifille isa woliin le'a.
DAN 2:23 Ee Waaqa abbootii tiyyaa, ati qarumma'aa fi hunna waan naaf kenniteef, waan nuuti si gaafannelle waan natti beessitteef, waan mootichi beekiisaaf rakkatelle natti waan beessitteef, ani si galateeffadha; si leellifadhalle'e» jedhe.
DAN 2:24 Achiin duuba Daani'el gara Ariiyokii ka mootichi qaroolee Baabilon akka balleessuuf ajajee dhaqee, «Qaroolee Baabilonii hin balleessin; gara mootichaa na geessi; anille mootichaaf oojjuu isaa hin hiika» jedhe.
DAN 2:25 Yennuma san Ariiyok ariifatee Daani'el gara mootichaa geessee, «Ani namoota biyya Yihuda'aa irra booji'amane oddu'uu nama hiikkaa oojjuu teetii si'iif himuu dande'u dhaggeera» jedhe.
DAN 2:26 Mootichi Daani'elii «Belxishaazaar» jedhamee moggaafameen, «Ati oojjuu ani oojjadhee fi hiikkaa isi'ii natti himuu dandeettaa?» jedhe.
DAN 2:27 Daani'elille deebisee, «Dhossaa ati mootichi gaafatte tana, qarooleen, worri moru, worri xanu fi worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa moru, dande'ee si'itti hin himu;
DAN 2:28 ammoo ka waan dhossa'aa mudhisu Waaqi tokkochi ol-gubbaa jira; inni waan gara duraa te'uuf jiru si mooticha Nebukadnezaaritti mudhiseera; taqee irra irkattee oojjuu ati oojjatee fi mudhii ati dhaggite ta asii gadi jirtu:
DAN 2:29 «Ee mooticha, ati taqee teeti irra adoo irkatteertuu waan gara duraa te'uuf jiru yaaddeeyyu; tanaaf Waaqi waan dhossa'aa mudhisu waan gara duraa te'uu jiru si'itti mudhise.
DAN 2:30 Wonni mudhiin tun natti mudhateef, waan ani nama duudii caalaa qarummaa qabadheef moti; ammoo hiikkaa oojjuu sanii akka ati beettuu fi yaadaa qalbii teetitti itti rakkate san, akka hubatuuf natti mudhatte.
DAN 2:31 «Ee mooticha, ati oojju'uun fakkii guddoo calalaxxu'uu fi sodaachittu takka si dura dhaabbatteertuun dhaggite;
DAN 2:32 mataan fakkii sanii worqii qulluu irraa, qomii fi harki isi'ii lamaanuu meetii irraa, gadha'aa fi gudeedi isi'ii sageettuu irraa,
DAN 2:33 sarbaan isi'ii sibiila irraa, miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun faara irraa hujameeraayyu.
DAN 2:34 Adoo ati fakkii san ilaaliisatti jirtuu, adoo harki namaa hin tuqin dhakaan guddaan fottoqee, miila fakkii sibiilaa fi faara irraa hujantetti bu'ee caccasse.
DAN 2:35 Yennuma san sibiilli, faarri, sageettuun, meeti'ii fi worqiin bututanee, akka hicaacee bonaa ta eeddummee keessaa te'ane; waan tokkolle adoo hin hamburin qilleensi isaan haxowee balleesse; dhakaan fottoqee fakki'itti bu'e sun ammoo, gaara guddaa te'ee lafa duudii guute.
DAN 2:36 «Oojjuun ati oojjatte tana; hiikkaan isi'iille ta asii gadii jirtu:
DAN 2:37 Ee mooticha, ati mootii moototaa ti; Waaqi ol-gubba'aa mootummaa, hunna, jabeennaa fi ulfinna si'iif kenneera;
DAN 2:38 inni ilmaan namaa, horii, bineensotaa fi sinbirroota addee isaan jiranu maratti isaan mara irratti bulchaa si godheera. Tanaaf mataan fakki'ii ka worqi'ii sun si'i.
DAN 2:39 Si'iin duuba mootummaan mootummaa teetii gadii hin kaati; itti aantee mootummaan sageettu'uun fakkeeffantu ta sadeesso'oo ta lafa duudii bulchitu hin kaati.
DAN 2:40 Dhuma irratti mootummaan arfeesso'oo ta akka sibiilaa jabaattu, ta waan mara caccassituu fi butuchitu hin kaati; akkuma sibiilli waan mara caccassee butuchu, mootummaan tun moototaa isi'iin qaraa mara caccassitee hin butuchiti.
DAN 2:41 Akkuma oojjuu teetiin fakkii miilli isi'ii gar tokkoo fi qubi miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun ammoo faara irraa hujanteertuun dhaggite, mootummaan sun ta qoqoodante hin teeti; sibiilli faara woliin makameeruun akkuma dhaggite, mootummaan sun gar tokko akka sibiilaa hin jabaatti.
DAN 2:42 Akkuma qubi miila isi'ii gari tokko sibiila, gari kuun faara te'e, mootummaan sun gari tokko jadduu, gar kuun dadhadduu hin teeti.
DAN 2:43 Sibiillii fi faarri makameeruun akkuma dhaggite, kolbaan mootummaa lamaan saniille fuudhaa fi heerumaan wolitti hin makanti; te'uu malee akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee woli hin qabanne, isaanille tokkumma'aan hin le'anu.
DAN 2:44 Bara mootota saniititti Waaqi ol-gubba'aa mootummaa ijjumaa hin bannee fi ta kolbaa dhibi'iif hin kennanne hin ijaara; isiin mootummoota san duudii ijjumaa hin butuchiti; isiin ammoo haga bara baraa jabaattee dhaabbatti.
DAN 2:45 Mootummaan tun ta akkuma ati dhakaa harki namaa adoo hin tuqin gaara irraa fottoqee fakkii sibiilaan, sageettu'uun, faaraan, meeti'ii fi worqi'iin hujante caccassee butuche, oojju'uun dhaggitee ti. Waaqi guddaan waan gara duraa te'uu jiru si mootichatti mudhiseera; oojjuun sun dhuga'a; hiikkaan isi'iille ta addatante» jedhe.
DAN 2:46 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar fuulaan lafatti gad gombifamee, Daani'eliif sagade; kennansa midhaaniitii fi hixaanaa akka isaaf dhikeessanuufille ajaje.
DAN 2:47 Mootichi Daani'eliin, «Eega ati dhossaa tana mudhisuu dandeette, dhugumaan Waaqi keessan waaqota irratti Waaqa; mootota irratti Gootta'a; waan dhossa'aa duudiille ka mudhisu» jedhe.
DAN 2:48 Achiin duuba mootichi Daani'eliif, kennansa gugurdaa hedduu kennee, kutaa biyya Baabilonii duudii irratti bulchaa isa godhe; worra qaroolee Baabilonii irralle'etti itti gaafatamaa isa godhe.
DAN 2:49 Gaaffii Daani'eliitiin mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo biyya mootummaa Baabilonii duudii irratti bulchoota isaan godhe; Daani'el ammoo mana mootumma'aa keessatti hafe.
DAN 3:1 Mootichi Nabukadnezaar fakkii worqi'ii ta hojjaan isi'ii ciqilee jaatamaatii fi badhinni isi'ii ciqilee jaa hujisiisee, kutaa biyya Baabilonii keessaa dirree afaan isaaniitiin, «Duraa» jedhantu keessa dhaabe.
DAN 3:2 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitooti, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin eebba fakkii inni dhaabee irratti akka dhaggamanuuf waansise.
DAN 3:3 Maarre sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin, eebba fakkii mootichi Nabukadnezaar dhaabeef wolitti qabamanee fakkii san dura dhaabbatane.
DAN 3:4 Achiin duuba nami lassii lassu qoonqoo guddo'oon, «Ee kolbaa heddu'u, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattanu duudiin dhage'a'a!
DAN 3:5 Yennaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii dhageettanu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiga'aatii sagada'a.
DAN 3:6 Nami gad jigee hin saganne yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa darbama» jedhe.
DAN 3:7 Tanaaf isaan duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii akkuma dhage'aneen, kolbaan duudiin, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiganee sagadane.
DAN 3:8 Yennaa san worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara mootichaa dhikaatee, Yihudoota himate.
DAN 3:9 Isaan mooticha Nebukadnezaariin, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i!
DAN 3:10 Ee mooticha, ati ‹Nami duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhage'u fakkii worqi'iitiif jigee sagaduu ti;
DAN 3:11 eennulle nami jigee hin sagadin bobe'a ibiddaa keessa darbamuu ti› jettee ajaja baatteerta.
DAN 3:12 Worri Yihudootaa ka ati kutaa biyya Baabilonii akka bulchanuuf muudde, Shaadraak, Meshaak fi Abed-neegoon, ajaja keeti hin muummessanu; isaan waaqota keeti hin tajaajilanu, hin waaqonfatanulle'e» jedhane.
DAN 3:13 Mootichi Nebukadnezaar yennaa tana dhage'e guddoo aaree, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo gara isaa akka fidanu ajaje; isaanille mooticha duratti isaan dhikeessane.
DAN 3:14 Nebukadnezaar isaaniin, «Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'o! Isin dhugumaan waaqota kiyya hin tajaajiltanuu? Fakkii worqi'ii ta ani dhaabelle hin waaqonfattanuu?
DAN 3:15 Ammaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhageettanu, fakkii worqi'ii ta ani dhaabeef sagaddanee yoo waaqonfattane guddoo dansa'a. Yoo isi'iif sagaduu dhaddane ammoo, yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa hin darbatantan; waaqi harka kiyya keessaa isin baasu dande'u eennu?» jedhe.
DAN 3:16 Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon mootichaan, «Ee Nebukadnezaar, waan kana irratti nuuti deebii falmataa siif kennuu hin barbaachisu.
DAN 3:17 Ee mooticha, nuuti bobe'a ibiddaa keessatti yoo darbatanelle, Waaqi nuuti tajaajillu nu baasuu hin dande'a; harka keeti keessalle'ee nu hin baasa.
DAN 3:18 Yoo nu baasuu dhabelle, nuuti waaqota keeti akka hin tajaajille, fakkii worqi'ii ta dhaaddelle akka hin waaqonfanne beeki» jedhane.
DAN 3:19 Achiin duuba Nebukadnezaar guddoo aaree, fuulli isaalle Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'otti jijjiirame; inni bobe'a ibiddaa ka dur gabbatu caalaa dachaa torba akka gabbisanu ajaje.
DAN 3:20 Inni loltoota ifii keessaa worri jajjabi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo hidhanee, bobe'a ibiddaatitti akka darbanuuf ajaje.
DAN 3:21 Maarre namooti sadiin sun akkuma uffatanee jiranuun woyaa isaanii, lukee isaanii, marata mata'aa woliin hidhamanee, bobe'a ibiddaatitti darbamane.
DAN 3:22 Ajaji mootichaa jabaa waan te'eef, ibiddi akka malee gabbatiisatti waan jiruuf, bobeenni ibiddaa worra Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo geessee ibiddatti darbe gubee ijjeese.
DAN 3:23 Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon isaan sadiinuu akkuma hidhamanee jiranuun bobe'a ibiddaa san keessatti jigane.
DAN 3:24 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar maadeffatee ariifatee ol ka'ee, «Namooti nuuti hiinee ibidda keessa darbine sadii motii?» jedhee gorsitoota ifii gaafate. Isaanille deebisanee mootichaan, «Eeti'i» jedhane.
DAN 3:25 Innille deebisee, «Ani ammoo kunoo, namooti afur hiikamanee, adoo hin miidhamin ibidda keessa deddeemanuun dhagga; ka arfeesso'oolle ilma waaqotaa fakkaata» jedhe.
DAN 3:26 Nebukadnezaar gara balbala bobe'a ibiddaa dhikaatee, «Isin tajaajiltoota Waaqa ol-aana'aa Shaadraak! Meshaak! Abed-neego'o! Kowa'a as baya'a!» jedhe. Isaanille ibidda keessaa bayane.
DAN 3:27 Sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti mana mootumma'aa adaala isaaniititti wolitti qabamanee, ibiddi nafa namoota sanii akka hin miidhin, rifeensi mataa isaanii akka hin gubatin, woyaan isaanii akka hin gubatinii fi fooleen ibiddaatuu akka isaan irraa hin dhowin dhaggane.
DAN 3:28 Achiin duuba Nebukadnezaar, «Waaqi Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo ka ergamaa ifii ergee, tajaajiltoota ifii ta isatti addattu ka baase eebbifamuu ti. Isaan Waaqa ifiititti addatanee, ajaja mootichaa didanee, Waaqa ifii malee, waaqota dhibii tajaajiliisa yookiin waaqonfatiisaan irra, nafi isaanii akka gubatuuf dabarsanee kennane.
DAN 3:29 «Tanaaf akka kana ka baasuu dande'u waaqi dhibiin waan hin jirreef, kolbaan, gosi duudi'ii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu duudiin, ta Waaqa Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo faanshessitu, harkii fi miilli isaanii cicciramee, manni isaanii diigamee tuulaa kosi'ii akka te'uuf, ani ajaja baaseera» jedhe.
DAN 3:30 Achiin duuba Mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo kutaa biyya Baabilonii irratti bulchitoota godhe.
DAN 4:1 Mootichi Nebukadnezaar gara kolbaa heddu'uu, gosa biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu ta biyya lafaa duudii keessa leetuu ergaa ergee: «Nageenni isiniif te'u!
DAN 4:2 Ani bilbaasaa fi maadee ka Waaqi Ol-Aanaan naaf huje isinitti himuu fedha.
DAN 4:3 «Bilbaasi isaa attam attam gudda'a! Maadeen isaa attam attam jaddu'u! Mootummaan isaa ta bara baraa ti; inni dhalootaa haga dhalootaatitti bulcha.
DAN 4:4 «Ani Nebukadnezaar mana mootummaa tiyyaa keessa waan mara guutadhee, qananumma'aan le'aayyu.
DAN 4:5 Ani taqee irra adoo rafeeruu, oojjuu na sodaachittuu fi mudhii na bararassitu takka dhagge.
DAN 4:6 Tanaaf qarooleen Baabilonii duudiin gara kiyya dhufanee hiikkaa oojju'uu akka natti himanu ajaje.
DAN 4:7 Yennaa worri xanu, worri moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara kiyya dhufane ani oojjuu tiyya isaanitti hime; isaan ammoo hiikkaa isi'ii naaf himuu hin dandeenne.
DAN 4:8 Achiin duuba Daani'el ka waaqota kiyya keessaa akka tokkootitti ‹Belxishaazaar› jedhamee moggaafame, ol seenee na dura dhaabate; isa keessa ayyaana waaqota woyyootaatitti jira; tanaaf ani oojjuu tiyya isatti himee,
DAN 4:9 ‹Ee, Belxishaazaar sooressa worra xanuu, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa akka jiru ani hin beeka; dhossaan takkaalle si hin rakkittu; kunoo oojjuu oojjadhe sitti hima naa hiiki.
DAN 4:10 «‹Adoo taqee tiyya irra rafeeruu muka guddaa dheeraa tokko, wodhakkaa lafaatitti mudhi'iin dhagge.
DAN 4:11 Muki sun qacceen isaa haga ol-gubbaa geettutti guddatee jabaate; haga qaccee lafaa maralle'etti mudhate.
DAN 4:12 Baalli isaa hin tola; midhaan isaalle hin bacata; kolbaa maralle'eef ka sagalee te'utti isa irra jira; bineensoti gaaddisa isaa jalatti boqatan; sinbirrooti dameelee isaa irratti mana ijaaratte; dadi lubbuu qaddu marti isaa irraa nyaatte.
DAN 4:13 «‹Adoo taqee tiyya irra rafeeruu mudhii dhaggeen, ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhagge;
DAN 4:14 innille qoonqoo guddo'oon, «Muka san mura'a jissa'a; dameelee isaa ciccira'a; baala isaa soxooxa'a; midhaan isaa bittinneessa'a; bineensoti isa jalaa, sinbirrooti dameelee isaa irraa baqatanuu ti.
DAN 4:15 Jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a. «‹ «Inni fixeensa ol gubba'aatiin jiidhuu ti; bineensota woliin marra lafaa keessa le'uu ti.
DAN 4:16 Qalbiin isaa qalbii namaa irraa jijjiirantee, haga woggaa torbaatitti qalbii bineensotaatiin le'uu ti.
DAN 4:17 Murteen tana ergamaa woyyichatti murteesse; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, worra gad anaa isaan irratti bulchitoota akka godhu, kolbaan marti akka beettuuf tun teete» jedhee natti dubbate› jedheen.
DAN 4:18 «Oojjuun ani mootichi Nebukadnezaar oojjadhe tana; qarooleen mootummaa tiyya keessa jirtu marti, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeenne; ati ammoo Belxishaazaar, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa waan jiruuf, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeetta» jedheen.
DAN 4:19 Achiin duuba Daani'el ka, «Belxishaazaar» jedhame, yennaa diqqo'oof guddoo rifatee afaan qabate; maarre mootichi, «Belxishaazaar, oojjuun yookiin hiikkaan isi'ii si hin rifachiisin» jedheen. Belxishaazaar deebisee, «Ee goottaa kiyya, oojjuun sun worra si jibbuuf, hiikkaan isi'iille diinota keetiif teetuu ti.
DAN 4:20 Muki ati mudhi'iin dhaggite, ka qacceen isaa haga ol-gubbaa geettutti guddatee, jabaatee, haga qaccee lafaa maralle'etti mudhatu,
DAN 4:21 ka baalli isaa tolu, ka midhaan isaa bacatee, kolbaa maralle'eef ka sagalee te'u, ka bineensoti gaaddisa isaa jalatti boqatanu, ka sinbirrootille dameelee isaa irratti mana ijaarrattu.
DAN 4:22 «Ee mooticha, muki guddatee jabaate sun si'i; guddinni keeti haga ol-gubbaa gewu guddateera; haga qaccee lafaatille'etti mootii teeteerta.
DAN 4:23 Ee mooticha, ati ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhaggiteerta; inni, ‹Muka san mura'aa balleessa'a; jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a. Inni fixeensa ol gubba'aatiin jiidhuu ti; bineensota woliin marra lafaa keessa le'uu ti; haga woggaa torbaatitti bineensota woliin le'uu ti› jedhe.
DAN 4:24 «Ee mooticha, kun ajaja Waaqi Ol Aanaan si mooticha goottaa kiyyatti dubbate; hiikkaan oojju'uulle ta asii gad jirtu.
DAN 4:25 Ati kolbaa keessaa ari'antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori'ii marra hin dheedda; fixeensa ol-gubba'aatiin hin jiita; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti.
DAN 4:26 Akkuma jirmii fi hiddi muka sanii lafa keessatti hafuuf ajajame, Waaqi ol-gubbaa jiru, si'i irratti mootii akka te'e yennaa beette, mootummaan teeti adde'etti si'iif deebiti jechu'u.
DAN 4:27 Tanaaf ee mooticha, gorsa kiyya fudhadhu. Cubbuu hujiisa lakkisiitii waan sirrii te'e huji; hantuu hujiisaa lakkisiitii worra gad qabameef marari; yoo tana goote barri ati nageyaan leetu siif hin dheerata» jedhe.
DAN 4:28 Wonni kun duudiin mooticha Nebukadnezaar irratti muummotte.
DAN 4:29 Ji'a kudhanii lamaan duuba gaafa tokko mootichi mana mana irratti ijaarrame gubbaa irra deddeebi'aa adoo jiruu,
DAN 4:30 «Tun Baabilonii guddittii ta ani addee teessoo mootummaa tiyyaa akka teetuuf, ulfinna arnya kiyyaatiif, jabeenna hunna tiyyaatiin ijaaree motii ree?» jedhe.
DAN 4:31 Adoo mootichi dubbatiisatti jiruu, qoonqoon ol-gubba'aa dhuttee, «Ee mooticha Nebukadnezaar, waan ani sitti himu dhage'i! Mootummaan teeti si irraa fudhatanteerti;
DAN 4:32 ati kolbaa keessaa ari'antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori'ii marra hin dheedda; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti» jedhe.
DAN 4:33 Yennuma san wonni Nebukadnezaar irratti dubbatante muummotte; inni kolbaa keessaa ari'amee akka hori'ii marra dheede; haga rifeensi isaa akka koola risa'aa dhedheeratutti, qenci isaalle akka qeenca allaatti'ii haga te'utti, nafi isaa fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe.
DAN 4:34 «Barri sun yennaa muummowe, ani Nebukadnezaar gara ol-gubba'aa ilaale; qalbiin tiyyalle naa deebite; Waaqi Ol Aanaan ka haga bara baraa le'u haga bara baraa waan bulchuuf, mootummaan isaalle dhaloota irraa haga dhalootaa waan teeteef, ani isa eebbisee, leellifadhee, ulfinna isaaf kenne.
DAN 4:35 Kolbaan lafa irra leetu duudiin, woyittuu hin laakkowantu; inni ergantoota ol-gubba'aatii fi kolbaa lafa irra leetu duudii irratti waan fedhe hin godha; harka isaa hujii irraa ka dhooggu, yookiin waan inni huju ka isa gaafatu tokkolle hin jiru.
DAN 4:36 «Akkuma qalbiin tiyya naaf deebiteen, ulfinna mootummaa tiyyaatiif arnyii fi guddinni tiyyaa naaf deebi'e; gorsitootii fi qondaaltoti tiyya gammadaan na fudhatte; ani gara barcumaa mootummaa tiyyaatitti deebi'ee, guddinni ka durii caalaa naaf dabalame.
DAN 4:37 «Hujiin Mooticha ol-gubba'aa sirrii, karaan isaa qajeelaa waan te'eef, worra kooraa ideemulle, waan gad deebisuuf, ani mootichi Nebukadnezaar isa hin leellifadha; ulfinnaa fi guddinnalle isaaf hin kenna» jedhe.
DAN 5:1 Gaafa tokko mootichi Belshaazaar qondaaltota gugurdoo kuma tokkoof jila qopheesse; innille isaan woliin daadhii woyni'ii uniisatti jiraayyu.
DAN 5:2 Belshaazaar daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiruu, meya worqi'iitii fi meeti'ii ka abbaan isaa Nebukadnezaar galma Yerusaalemii keessaa baase innii fi qondaaltoti isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unanuuf akka fidanu ajaje.
DAN 5:3 Maarre worri ajajame meya worqi'iitii fi meeti'ii, ka Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa baafame san fidanee, mootichi, qondaaltoti gugurdoon isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unane.
DAN 5:4 Isaan daadhii woyni'ii unaa, waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane leellifatane.
DAN 5:5 Dedhuma qubi harka namaa mudhatee, mana mootumma'aa keessatti dhoobbuu dalleyaa, ta fuullee waan issaan irra keyamuu jirtuu irratti barreessuu jalqabe. Mootichi quba barreessiisatti jiru san dhagge.
DAN 5:6 Achiin duuba mootichi guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; harkii fi miilli isa irraa bu'ee, jilbi isaalle wol dhowe.
DAN 5:7 Mootichi qoonqoo guddo'oon, worra xanu, worra moruu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka ol seensisanu ajaje. Yennaa isaan ol seenane inni isaaniin, «Nama barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti himutti woyaan dhiilleen isatti hin uffifanti; worqiin mormaa morma isaatitti hin keyanti; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulcha» jedhe.
DAN 5:8 Achiin duuba qarooleen mootichaa marti ol seenane; ammoo barreeffama dubbisuu yookiin hiikkaa isaa mootichatti himuu hin dandeenne.
DAN 5:9 Maarre mootichi Belshaazaar ka durii caalaa guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; qondaaltoti isaalle waan jettu wollaalte.
DAN 5:10 Haati mootichaa qoonqoo mootichaatii fi qondaaltota isaa yennaa dhageette, gara addee jilaa ol seentee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Hin raafamin; fuulli keetille hin jijjiiramin!
DAN 5:11 Mootummaa teeti keessa nami ayyaanni waaqota woyyootaa isa keessa jiru tokko jira; nami sun bara mootummaa abbaa keetii akka waaqotaa beekkumsaan, hubanti'ii fi qarumma'aan guutamee dhaggameera; abbaan keeti mootichi Nebukadnezaar worra xanu, worra moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, irratti itti gaafatamaa isa godheera.
DAN 5:12 Nami sun Daani'el ka mootichi, ‹Belxishaazaar› jedhee moggaase; inni oojjuu hiikiisaaf, hiibboo hiikiisaaf, waan dhossa'aa mudhisiisaaf, ayyaana dansaa beekkumsaa fi hubantii nama qabu; inni barreeffama san dubbisee, hiikkaa isaa himiisa waan dande'uuf, isa waansis» jette.
DAN 5:13 Maarre Daani'el mooticha duratti dhikeessane; mootichille Daani'eliin, «Ati worra Yihuda'aa ka abbaan kiyya mootichi biyya Yihuda'aatii booji'ee fide keessaa tokkoo?
DAN 5:14 Ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa akka jiru, beekkumsa, hubanti'ii fi qarummaa akka qaddu dhage'eera.
DAN 5:15 Qaroole'ee fi worri moru barreeffama kana dubbisee, hiikkaa isaa akka natti beessisanuuf na dura dhikaataneeraniiyyu; ammoo hiikkaa barreeffama sanii naaf himiisa hin dandeenne.
DAN 5:16 Ati ammoo hiikkaa kennuu, waan nama rakkisulle hiikuu akka dandeettu ani dhage'eera; amma barreeffama dubbisuu, hiikaa isaalle natti beessisuu yoo dandeette, woyaan dhiilleen sitti hin uffifanti; worqiin mormaalle morma keetitti hin keyama; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulchita» jedhe.
DAN 5:17 Achiin duuba Daani'el deebisee, mootichaan, «Kennansi keeti si'umaaf hafuuti, badhaasa keetille nama dhibi'iif kenni. Ani ammoo barreeffama si mootichaaf dubbisee, hiikaa isaalle sitti hin beessisa.
DAN 5:18 «Ee mooticha, Waaqi Ol Aanaan abbaa keeti Nebukadnezaariif mootummaa, guddinna, ulfinnaa fi arnya kenneeraayyu.
DAN 5:19 Sababa Waaqi guddinna isaaf kenneef, kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaa, kolbaan afaan adda addaa dubbattu martinuu sodaattee, fuula isaa duratti hollatte; inni worra ijjeesuu barbaade ijjeese; worra hamburuu barbaade hambure; worra ulfeessuu barbaade ulfeesse; worra gad qabuu barbaade gad qabe.
DAN 5:20 Yennaa inni kooree, mataa jabaate ammoo, barcumaa mootummaa ifii irraa bu'ee, ulfinni isaalle isa irraa fudhatame;
DAN 5:21 Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii fedheef akka kennu, haga inni beekutti, inni kolbaa keessaa ari'amee, qalbiin isaa jijjiirantee, akka bineensaa te'e; harree didaa woliin le'ee akka hori'ii marra dheede; nafi isaalle fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe.
DAN 5:22 «Atille Belshaazaar ilmi isaa tana mara adoo beettuu, ifi gad hin qanne;
DAN 5:23 ati Goottaa ol-gubba'aa mormitee, ifi ol qadde; meya Galma Waaqaa keessaa akka fidanu goote; atii fi qondaaltoti teeti, niitotii fi gursumeeyyiin teeti, daadhii woyni'ii itti untane. Ati waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka hin dhaggine yookiin ka hin dhageenne yookiin ka womaa hubatuu hin dandeenne leellifatte malee, Waaqa jiru'u fi ideensa keeti toowatuuf ulfinnaa hin kennine.
DAN 5:24 Tanaaf Waaqi harka barreeffama san barreesse erge.
DAN 5:25 «Barreeffam barreeffamelle, ‹Mene, mene, teqel, u-faarsiin› ka jedhu.
DAN 5:26 Hiikkaan dubbii tanaalle, ‹Mene, mene›, jechuun ‹Laakkowee, laakkowee› jechu'u; tanaaf Waaqi bara mootummaa teetii laakkowee, mootummaan teeti akka dhumattu godheera.
DAN 5:27 ‹Teqel› jechuun, ‹Madaala› jechu'u; tanaaf ati madaala irra keyantee, sallattee dhaggante.
DAN 5:28 ‹U-faarsiin› jechuun, ‹Gargar qoodante› jechu'u; tanaaf mootummaan teeti gargar qoodantee, worra Medooniitii fi Faaresiitiif kennate» jedhe.
DAN 5:29 Achiin duuba Belshaazaar woyaa dhiillee Daani'elitti akka uffisanu, worqii mormaa morma isaatitti akka keyanu ajaje; mootummaa ifii keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee akka bulchu lassii baase.
DAN 5:30 Mootiin worra Baabilonii Belshaazaar halkanuma san ijjeefamee,
DAN 5:31 Daariyos nami biyya Medoonii ka woggaa jaatamii lamaa, mootummaa san fudhate.
DAN 6:1 Daariyos kutaa mootummaa isaa mara akka bulchanuuf, bulchitoota dhibbaa fi diddama muuduu barbaade;
DAN 6:2 isaan irratti namoota sad itti gaafatantoota godhe; isaan sadiin keessaa tokkochi Daani'eliiyyu; mootichi akka hin rakkanneef bulchitooti sun worra sadiin kanaaf deebii kennaniiyyu.
DAN 6:3 Daani'el qondaaltotaa fi bulchitoota caalaa ayyaana adda te'e waan qabuuf, mootichi kutaa mootummaa ifii mara irratti isa bulchaa godhuu barbaade.
DAN 6:4 Sababa kanaaf, qondaaltotii fi bulchitooti, hujii mootumma'aa ta Daani'el hujuun isa himatiisaaf barbaadane; inni addatamaa, wonni dokonkore yookiin yakke waan hin jirreef, isaa ammoo dokonkora yookiin balleessa tokkolle isa irratti dhagguu hin dandeenne.
DAN 6:5 Tanaaf jarri tun, «Dhuggeeffannaa inni Waaqa ifiititti dhugeeffatuun malee, waan Daani'el ittiin himannu hin dhagganu» woliin jedhane.
DAN 6:6 Maarre qondaaltotii fi bulchitooti gara mootichaa dhaqanee, «Ee mootii Daariyos, haga bara baraa le'i!
DAN 6:7 Ee mooticha, haga guyyaa soddomaa eennulle gara keeti malee, gara namaa yookiin gara waaqa dhibi'ii akka hin daadimanne, ati mootichi ajaja baattee, ajaji sunille akka muummeffamu, nami ajaja kana hin muummessine boolla neenqaatitti akka gatamu, nuuti qondaaltoti mootumma'aa gugurdoon, sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti wolii galleerra.
DAN 6:8 Amma, ee mooticha, ajaji kun akka seera Medooniitii fi Faaresii ka jijjiiramuu hin dandeennee akka te'u, barreessiitii itti mallatteessi» jedhane.
DAN 6:9 Tanaaf mootichi Daariyos ajaja kana barreessee itti mallatteesse.
DAN 6:10 Daani'el ajaji akka itti mallatteeffame yennaa beeke, gara mana ifii ka kolloon mana irraa ka foddaan isi'ii fuullee Yerusaalemiititti banameeruu ol bayee, akkuma dur godhu guyya'atti yennaa sad jilbiiffatee gara Waaqa ifii daadimatee, leellifate.
DAN 6:11 Namooti sun, Daani'el gara Waaqa ifii daadimataa, isa irralle'ee qarqaarsa gaafatuun dhaggane.
DAN 6:12 Achiin duuba isaan Daani'el himatiisaaf gara mootichaa dhaqanee, marroo ajaja baye saniitiif, «Ee mooticha, nami guyyaa soddoma kana keessatti gara keeti qofa malee, gara waaqa dhibi'ii yookiin gara namaa daadimate, boolla neenqaatitti akka gatamuuf ajaja bayetti mallatteessiteertaayyuu motii?» jedhane. Mootichi deebisee, «Eeti'i, ajaji akkuma seera Medooniitii fi Faaresii ka hin jijjiirannee bayeera» jedhe.
DAN 6:13 Achiin duuba isaan mootichaan, «Ee mooticha, Daani'el worra biyya Yihuda'aatii booji'amane keessaa tokko ka te'e sun, si'iif yookiin ajaja ati itti mallatteessiteef ulfinna hin kennu. Inni haga ammaa guyya'atti yennaa sad gara Waaqa ifii daadimata» jedhane.
DAN 6:14 Mootichi tana yennaa dhage'e guddoo gadde; inni Daani'el baasiisaaf murteeffatee, haga aduun seentutti mala isa ittiin baasu mara wodhaane.
DAN 6:15 Achiin duuba namooti sun, gara mootichaa dhufanee mootichaan, «Ee mooticha, akka seera Medooniitii fi Faaresiititti lassiin yookiin ajaji mootichi baase tokko jijjiiramuu akka hin dandeenne beeki» jedhane.
DAN 6:16 Tanaaf mootichi ajajee jennaan, Daani'el qabanee fidanee boolla neenqaatitti gatane; mootichille Daani'eliin, «Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu si baasuu ti» jedhe.
DAN 6:17 Dhakaa tokko fidanee afaan boollaa irra keyanee, eennulle Daani'el baasiisaaf akka hin wodhaanne, mootichi chaappaa qubee quba ifiitii fi ta qondaaltota ifiitiin dhakaa san irratti mallatteesse.
DAN 6:18 Achiin duuba mootichi gara mootummaa ifii deebi'ee, halkan san sagalee adoo hin nyaatin, wonni isa gammachiisulle akka isaaf dhikaattu adoo hin barbaadin, hirriiba dhabee bule.
DAN 6:19 Ganama akkuma boruun dayya'een mootichi ka'ee, ariiti'iin gara boolla neenqaa dhaqe.
DAN 6:20 Inni yennaa boolla bira geye qoonqoo gaddaatiin, «Daani'el, tajaajilaa Waaqa jiraata'aa, Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu neenqa jalaa si baasuu dande'eera?» jedhee waame.
DAN 6:21 Daani'el deebisee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i!
DAN 6:22 Ani Waaqa kiyya duratti ka komii hin qanne te'ee waan dhaggameef, akka neenqi na hin miine, inni ergamaa ifii ergee afaan neenqaa cufe; ee mooticha, ani si duralle'etti dokonkora hin hunye» jedhe.
DAN 6:23 Mootichi guddoo gammadee, Daani'el boolla san keessaa akka ol baasanu ajaje; maarre isaan boolla san keessaa isa ol baasane; Daani'el Waaqa ifiititti waan addateeruuf, madaan takkaalle isa irratti hin dhaggane.
DAN 6:24 Ajaja mootichaatiin worra Daani'el dharaan himate san niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii woliin fidanee, boolla neenqaatitti gatane; adoo isaan boolla keessa lafa hin geyin, neenqoti isaan bubbutanee lafee isaanii mara butuchane.
DAN 6:25 Achiin duuba mootichi Daariyos gara kolbaa heddu'uu, gosa biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu ta biyya lafaa duudii keessa leetuu barreessee, «Nageenni isiniif te'u!
DAN 6:26 Kolbaan mootummaa tiyya keessa jirtu marti Waaqa Daani'elii akka sodaattuu fi ulfeessitu ani lassii baaseera. «Inni Waaqa jiraataa haga bara baraa le'u. Mootummaan isaa ijjumaan hin baddu; barri mootummaa isaalle ijjumaa dhuma hin qabu.
DAN 6:27 Inni hin fayyisa; hin baasalle'e; inni ol-gubba'aa fi lafa irratti bilbaasaa fi maadee hin godha. Inni Daani'el neenqa jalaa baaseera» jedhe.
DAN 6:28 Bara bulchiinsa mooticha Daariyositii fi bara bulchiinsa Qiirosii mooticha Faaresii keessa Daani'eliif le'iin tolte.
DAN 7:1 Bara Belshaazaar mootii Baabilonii te'e woggaa qaraa keessa, Daani'el taqee ifii irra irkatee adoo jiruu oojjuu oojjatee, mudhiille dhagge; achiin duuba oojjuu oojjate san barreesse.
DAN 7:2 Daani'el, «Ani qilleensi ol-gubba'aa ka maddii afur irraa ka'e, abbaayaa guddittii raasuun halkan mudhi'iin dhagge.
DAN 7:3 Bineensoti adda addaa gugurdaan afur abbaayaa san keessaa bayane.
DAN 7:4 Bineensi qaraa neenqa fakkaata; inni akka risa'aa koola qaba; adoo ani ilaaluu koollii isaa irraa buqqa'ee, lafaa ol ka'ee, akka namaa miila lamaaniin dhaabbatee, qalbiin namaalle isaaf kennante.
DAN 7:5 «Bineensi lammeesso'oo doobbaa fakkaata; inni gara duraatiin ol jedhee, lafee cinaachaa sad afaanitti qabaayyu; bineensa saniin qoonqoon, ‹Haga dandeette foon nyaadhu!› jette.
DAN 7:6 «Saniin duuba bineensa dhibii ka qeeransa fakkaatu dhagge; bineensi kun dudda ifii irraa koola afur ka akka koola sinbirre'eetii fi mataa afur qabaayyu; akka bulchuufille baalliin isaaf kennante.
DAN 7:7 «Saniin duuba, bineensa arfeesso'oo ka bararassu, ka sodaachisuu fi jabaa hamaa halkan mudhi'iin dhagge; bineensi sun ilkaan sibiilaa gugurdaa qaba; inni waan ijjeese nyaatee, caccasse; waan hafelle miilaan irra sirbe; inni bineensota isaan qara jiranu mara irraa ka isa adda godhu, gaafa kudhan qabaayyu.
DAN 7:8 Ani marroo gaafota isaa san adoo yaadiisatti jiruu, gaafi diqqichi dhibiin odduu gaafota saniitiin quuqee ol baye; gaafota qaraa keessaa sadiin ka isaan dura jiranu buqqa'ane; gaafi diqqichi kun ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu» jedhe.
DAN 7:9 Daani'el ammalle, «Adoo ani ilaaliisatti jiruu barcumooti mootumma'aa keyame; ka Durii Durii Sun irra tee'e; woyaan isaa akka dhakaa bokkeyaa adii, rifeensi mataa isaalle akka fuutta'aa, barcumaan mootumma'aa ka isaa akka bobe'a ibiddaa ti; korboon barcumaa saniille akka ibidda bobe'uu ti.
DAN 7:10 Maddi ibiddaa isa duraa maddee yaa'a; worri kuma heddu'utti laakkowamu isa tajaajilan; worri miliyoonii heddu'utti laakkowamulle isa dura dhaabbatan; korri mura'aa tee'e; kitaabotille banamane.
DAN 7:11 «Ani sababa dubbii gaafi sun kooraan dubbatuuf isa ilaale; adoo ani ilaaliisatti jiruu, bineensi sun ijjeefamee, reeffi isaa gubatee akka baduuf ibiddatti gatame.
DAN 7:12 Bineensota hafane kaan irraa baalliin isaanii fudhatante; ammoo yennaa murtootteef akka le'anu, yennaan isaaniif kennante.
DAN 7:13 «Ani ilma namaa ka fakkaatu duumensa ol-gubba'aatiin dhufiisatti jiruun, halkan mudhi'iin dhagge; inni gara ka haga bara bara jiraatuu dhufee isa duratti dhikeeffame.
DAN 7:14 Kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu akka isa tajaajilanuuf baalliin, ulfinnii fi hunni Mootii waan maraa te'iisaa isaaf kennante; barri bulchiisa isaa ka haga bara baraa hin dabarre; mootummaan isaalle ijjumaa dhuma hin qaddu.
DAN 7:15 «Ani Daani'el mudhii dhaggeen rakkadhee, qalbiin tiyya raafante.
DAN 7:16 Ani worra achi dhaabbateeru keessaa gara tokkoo dhikaadhee, marroo waan kana maraa hiikkaa dhuga'aa isa gaafadhe; innille hiikkaa waan kana maraa natti himee,
DAN 7:17 ‹Bineensoti gugurdaan arfan kun, mootota arfan kaatee ta lafa tana bulchitu.
DAN 7:18 Woyyooti Waaqa Ol-Aana'aa ammoo, mootummaa san fudhattee haga bara baraatitti hin qabatti, ee, haga bara baraa hin qabatti› jedhe.
DAN 7:19 «Achiin duuba ani marroo bineensa arfeesso'oo, ka bineensota kaan mara irraa adda te'e, ka guddoo sodaachisu, ka ilkaan sibiilaatii fi qeenca sageettu'uu qabu, ka waan ijjeese nyaatee, caccassee, waan hafelle miilaan irra sirbuu, hiikkaa isaa ta dhuga'aa beekuu barbaade.
DAN 7:20 Akkasuma marroo gaafota kudhan ka mataa isaa irra jiruu, marroo gaafa diqqicha quuqee ol bayeetii fi marroo gaafota sadii ka gaafa diqqicha duraa buqqa'anee beekuu barbaade; gaafi diqqichi kun gaafota kaan ka caalu fakkaatee, ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu.
DAN 7:21 «Ani adoo ilaaluu gaafi diqqichi sun kolbaa Waaqaatitti lola kaasee,
DAN 7:22 haga ka Durii Durii Sun dhufee, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif muraa haqaa kennutti, inni isaan injifate; yennaan kolbaan Waaqa Ol-aana'aa sun mootummaa san qabatanulle geette.
DAN 7:23 «Ka hiikkaa natti hime sun, ‹Bineensi arfeesso'oo sun, mootummaa arfeesso'oo ta lafa irratti ka'u'uu jirtu. Isiin mootummoota dhibii mara irraa adda teetee, lafa duudii nyaattee, irra sirbitee butuchiti.
DAN 7:24 Gaafoti kudhan sun mootota kudhan ta mootummaa san keessaa ka'u'uu jirtu; mootota saniin duuba mootiin dhibiin ka isaan irraa adda te'e ka'ee, mootota sadiin hin injifata.
DAN 7:25 Inni Waaqa Ol-Aana'atti mormee hin dubbata; kolbaa Waaqa Ol-Aana'aalle cunqursee, yennaa jila beekkanteetii fi seera Waaqaa jijjiiriisaaf hin wodhaana; kolbaan Waaqaa woggaa sadii fi wodhakkaa baallii isaatiin jala hin teeti.
DAN 7:26 Achiin duuba korri mura'aa ka ol-gubba'aa hin tee'a; mootii te'iis isa irraa fudhatamee, ijjumaa hin bada.
DAN 7:27 Mootummaan, mootii waan maraa te'iis, hunnii fi guddinni mootummoota lafa duudii irra jiranuu, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif hin kennaman; mootummaan isaanii mootummaa haga bara baraa ti; mootoleen marti isaaniif ajajamiisaan isaan hin tajaajilan› jedhe.
DAN 7:28 «Hiikkaan oojju'uu as irratti dhumatte; ani Daani'el guddoo sodaadhee, bifi tiyya jijjiirante; dubbii san ammoo qalbi'itti qabadhe» jedhe.
DAN 8:1 Belshaazaar mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti ani Daani'el, mudhii dur natti mudhatteen duuba mudhii dhibii dhagge.
DAN 8:2 Mudhii san keessatti ani qachaa Susa'aa, ka lafa Elaamii keessaa, ka dalleya dhaka'aatiin marfamee ijaarrame keessatti ifi dhagge; ani mudhi'iin irga laga Ulaayii bira jiraayyu.
DAN 8:3 Ani ol ilaalee korbeessa hoole'ee ka gaafa dhedheeraa lama qabu, irga lagaa dhaabbateeruun dhagge; gaafi tokkochi kaan caalaa dheerata; te'uu malee ka caalaa dheeratu sun ka duuba irra late.
DAN 8:4 Korbeessi sun gara aduun seentu, gara kaabaatii fi gara kibbaa gaarrifatuun dhagge; bineensoti tokkolle isa dura dhaabbatuu hin dandeenne; hunna isaa jalalle'ee ka bawuu dande'e hin jiru; inni waan fedhe mara godhe; guddoolle hunnaamessa te'e.
DAN 8:5 Ani marroo waan kanaa adoo yaadiisatti jiruu, korbeessi re'e'ee tokko, ka gaafa guddaa wodhakkaa lamaaniititti qabu, miilli isaa adoo lafa hin tuqin, gara aduun seentu irraa, fiigaa dhufe.
DAN 8:6 Inni gara korbeessa hoole'ee ka gaafa lamaan qabu, ka ani irga lagaa dhaabbateeruun dhagge sanii hunna guddo'oon itti fiige.
DAN 8:7 Gara korbeessa hoole'ee san dhikaatee, guddoo itti aaree, itti bu'ee gaafa isaa lamaanuu cassuun dhagge; korbeessi hoole'ee sun isa ifi irraa dhooggatiisaaf hunna dhabe; korbeessi re'e'ee sun korbeessa hoole'ee lafatti dhowee, irra sirbe; hunna isaa jalalle'ee eennulle isa baasuu hin dandeenne.
DAN 8:8 Achiin duuba korbeessi re'e'ee sun guddoo hunnaamessa te'e; yennaa guddoo hunnaamessa te'e ammoo, gaafi isaa dheerichi cabe; addee isaatitti gaafoti gugurdaan arfan, gara maddii arfaniititti daddabee late.
DAN 8:9 Gaafota arfan kana keessaa tokkocha irratti gaafi diqqichi dhibiin latee, gara kibbaa, gara aduun baatuu fi gara lafa Israa'elii bisile'etti guddoo guddate.
DAN 8:10 Gaafi diqqichi sun haga loltoota ol-gubba'aa bira gewutti guddate; loltoota san keessaa loltoota gari'ii fi urjoota garii gara lafaa gad qolaansee irra sirbe.
DAN 8:11 Inni sooressa loltoota ol-gubba'aatiin ifi qixxeesse; ciincaa guyyuma guyya'aan isaaf dhikaattulle akka isa irraa hafu godhee, addee Galma isaa batteesse.
DAN 8:12 Sababa cubbu'uutiif, loltooti sunii fi ciincaan guyyuma guyya'aan dhikaatu sunille isaaf dabarfamanee kennamane; inni dhugaa lafatti gad gate; wonni inni huju marti isaaf teete.
DAN 8:13 Achiin duuba ani woyyichi tokko dubbatuun dhage'e; woyyichi dhibiin, woyyicha dubbate saniin, «Mudhiin marroo ciincaa guyyuma guyya'aan dhikaatuu, ta hammeenna badii fiduu, akka inni irra sirbuuf, addeen woyyitti'ii fi loltooti isaaf dabarfamanee kennamane sun, yoom muummotti?» jedhe.
DAN 8:14 Inni deebisee, «Ciincaan guyyuma guyya'aan dhikaatu sun, haga ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadii tura; achiin duuba addeen woyyittiin sun sirri'itti hin deebiti» jedhe.
DAN 8:15 Ani Daani'el mudhii san dhaggee, hiikkaa isi'ii hubatiisaaf adoo ani wodhaaniisatti jiruu, ka nama fakkaatu tokko achi na dura dhaabbate.
DAN 8:16 Laga Ulaayii irraa qoonqoo namaa ta, «Gabri'eel, hiikkaa mudhii sanii namicha knatti himi» jettu dhage'e.
DAN 8:17 Maarre Gabri'eel dhufee yennaa na bira dhaabbate, ani rifadhee fuulaan lafatti gad gombifamee; inni ammoo, «Ilma namaa, mudhiin sun marroo bara muumme'ee akka teete hubadhu» naan jedhe.
DAN 8:18 Adoo inni natti dubbatiisatti jiruu, ani fuulaan lafatti jigee ifi wollaale; achiin duuba inni qabee ol na kaasee na dhaabbachiisee,
DAN 8:19 «Mudhiin marroo bara muumme'ee waan teeteef, guyyaa mufi'ii san waan te'u'uu jiru sitti hima.
DAN 8:20 «Korbeessi hoole'ee ka gaafa lama qabu ati dhaggite sun, mootota Medooniitii fi Faaresii ti.
DAN 8:21 Korbeessi re'e'ee mootii Giriikii ti; gaafi guddaan ila isaa lamaan wodhakka'aa sun, mootii Giriikii ka qaraa ti.
DAN 8:22 Gaafoti afur ka addee gaafa cabee sanitti late sun, kolbaa biyya sanii keessaa mootummoota afur ta ijaaramu'uu jirtu; ammoo akka mootummaa qaraa san hunna hin qabanu.
DAN 8:23 «Bulchiinsa mootummoota sanii gara dhumaa irratti, yennaa worri seera yakku akka malee hammaateeru, mootichi mati-jabaan, dharaamessi hin ka'a.
DAN 8:24 Inni guddoo jabaa hin te'a; ammoo hunna ifiitiinii moti. Inni badii hantuu hin fida; wonni inni huju marti isaaf hin teeti. Inni namoota jajjaba'aa fi kolbaa Waaqaa woyyoota hin balleessa.
DAN 8:25 Maltummaa isaatiin wonni marti isaaf hin teeti; ifumaan guddaa ifi hin godha. Adoo ifi hin eeggachiisin nama hedduu hin ijjeesa; qondaala qondaaltotaa irratti hin ka'a; te'uu malee hin bada; ka baduunille harka namaatiinii moti.
DAN 8:26 Mudhiin marroo ganamaa fi galgalaa sun dhuga'a. Ammoo yennaan mudhiin sun muummottu fagoo waan teeteef, dhossii qabadhu» anaan jedhe.
DAN 8:27 Maarre ani Daani'el dadhabee, bututee dhibamee, guyyaa hedduu irkadhe; achiin duuba ka'ee hujii mootichaa dhaqe. Ani mudhii dhaggeen rakkadhe; waanuma isi'iituu hin beenneeyyu.
DAN 9:1 Sanyii medoonii keessaa Daariyos ilmi Ashwerosii, Baabilonitti mootii te'e.
DAN 9:2 Bara mootummaa isaa woggaa tokkeesso'ootitti, ani Daani'el, akkuma Mootiin Waan Maraa raagicha Ermiyaasitti dubbate, diigamiis Yerusaalemii woggaa torbaatama akka turu, Barreeffama Woyyicha keessaa hubadhe.
DAN 9:3 Tanaaf ani woyaa gaddaa uffadhee, daadhaa irra tee'ee, laamiisaan, daadimatiisaa fi gaafatiisaan fuula kiyya gara Mootii Waan Maraa Waaqatti deebifadhe.
DAN 9:4 Ani cubbuu tiyya himataa, «Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda'a, hin sodaachittalle'e! Worra si jaalatuu fi worra seera keeti eegatuuf, waadaa galtee fi jaalala keeti ka bara baraa hin eegatta.
DAN 9:5 «Nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e; hantuu hunyee finqilleera; ajajaa fi seera keeti irralle'ee deebineerra;
DAN 9:6 tajaajiltoota teeti raagota worra maqaa keetiin mootota keennatti dubbatanu, sooressitoota teenna, abbootii keennaa fi kolbaa biyya lafa mara hin dhageenne.
DAN 9:7 Ee Gootta'a, ati balcha'a; nuuti ammoo worra addatamaa si'iif waan hin te'iniif, nuuti namooti Yihuda'aa, kolbaan Yerusaalemiitii fi Israa'elii, bayya'aa fi dhikoo worri jirru ka ati biyya lafaa mara keessa bittinneessite yennaa ammaa tana salphanneerra.
DAN 9:8 Ee Mootii Waan Maraa, nuutii fi moototi kenna, qondaaltoti keennaa fi abbootiin kenna cubbuu waan hunyeef salphanneerra.
DAN 9:9 Nuuti finqillee isa irratti kaanulle Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna marara'aa fi ka araaramu.
DAN 9:10 Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin ajajanne; seera inni karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin nu'uuf kennelle hin eeganne.
DAN 9:11 Israa'elooti duudiin seera keeti irra dabaranee, siif ajajamuu didaneeran; nuuti waan si irratti cubbuu hunyeef, abaarsii fi kakuun ka seera tajaajilaa Waaqaa Muuse'eetitti barreeffame nu irratti dhangala'e.
DAN 9:12 Ati badii guddoo nu'uu fi abbootii mura'aa teenna irratti fidiisaan, wonni ati dubbatte marti akka nu irratti muummottu goote; wonni qachaa Yerusaalemii irratti teete, ol-gubba'aan jalatti ijjumaa teetee hin beettu.
DAN 9:13 Akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffame, badiin tun duudiin nu dhaqqadde; te'uu malee nuuti cubbuu teenna irraa deebi'iisaan, dhugaa teetille hordofatiisaan si Mootii Waan Maraa Waaqa keenna hin gammachiinne.
DAN 9:14 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ati waan gootu maraan balcha'a; nuuti ammoo waan siif hin ajajaminiif, badii tana duudii nu irratti fidde.
DAN 9:15 «Ee, Goottaa Waaqa keenna, sittuu harka hunnaamessaan kolbaa teeti biyya Gibxi'ii keessaa baattee, maqaan keeti haga adhaatitti akka beekkamu goote; nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e.
DAN 9:16 Ee Goottaa, ati akka hujii teeti balchitti'iititti mufi'ii fi aarii teeti qachaa keeti Yerusaalem irraa, gaara keeti woyyicha irraa deebis. Sababa cubbuu teennaatii fi yakkaa abbootii teennaatiif qachaan Yerusaalemiitii fi kolbaan teeti, odduu worra adaala keenna jiranuu maratti salphataneeran.
DAN 9:17 Ee Waaqa keenna daadimataa fi gaaffii tajaajilaa keetii dhage'i; ee Goottaa, maqaa keetiif jedhiitii, Galma keeti diigameef marari.
DAN 9:18 Ee Waaqa, maganne'e naa dhage'i; rakkoo teennaa fi badii qachaa maqaa keetiin waamamuu ilaal. Nuuti balchummaa teennaaf adoo hin te'in, marartii teeti guddo'otti addannee daadimata keenna gara keeti dhikeeffanna.
DAN 9:19 Ee Gootta'a, nuu dhage'i. Ee Gootta'a, nuu araaram. Ee Gootta'a, nuu dhage'iitii, waan tokko godhi. Qachaan keetii fi kolbaan teeti maqaa keetiin waan waamamaneef, ee Gootta'a, maqaa keetiif jedhiitii hin turin» jedhee, gara Goottaa Waaqa kiyyaa daadimadhe.
DAN 9:20 Ani cubbuu tiyyaa fi cubbuu kolbaa tiyya Israa'elii adoo dhugaa bayiisatti jiruu, marroo gaara woyyicha Waaqa kiyyaatiif, Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya gaafataa,
DAN 9:21 adoo daadimatiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa Gabri'eel ka akka namaa fakkaateeruun ani qara mudhi'iin dhagge sun, yennaa ciincaan galgalaa dhikaatutti, gara kiyya xinniqaa dhufe.
DAN 9:22 Inni na hubachiisiisaaf natti dubbatee, «Ee Daani'el, ani amma qarumma'aa fi hubantii siif kenniisaaf dhufeera.
DAN 9:23 Ati guddoo jaalatamaa waan teeteef, akkuma ati daadimatiisa jalqaddeen, deebiin si'iif kennanteerti; anille tana sitti himiisaaf dhufe. Tanaaf ergaa tana qalbeeffadhuutii, mudhiille hubadhu.
DAN 9:24 «Balleessaan akka hattuuf, cubbuu hujiis akka dhaabbattu, yakka'aaf araarri akka kennamu, balchummaan bara baraa akka dhuttuuf, mudhi'ii fi raaga irratti chaappaan akka godhamu, Addeen Irra caalaa Woyyittiin akka muudantuuf, torbaan torbaatam kolbaa teeti irratti laffameera.
DAN 9:25 Tana beekiitii hubadhu; yennaa Yerusaalem adde'etti deebitee akka ijaarantuuf ajaji bayeen jalqabee, haga yennaa bulchaan muudame dhufuutitti torbaan torba hin dabarti; akkasuma torbaan jaatamii lamaaf badhinneen qachaa Yerusaalemii ijaarantee, baleen hin qotanti; te'uu malee tun duudiin bara rakko'ootitti teeti.
DAN 9:26 Bulchaan Muudame torbaan jaatamii lama saniin duuba, haqa malee hin ijjeefama; loltooti bulchaa dhibii ka dhufuu, qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa hin balleessan; muummeen qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa lola'aan teeti; badiin waan itti laffanteefille lolli haga dhumaatitti hin te'a.
DAN 9:27 Bulchaan dhibiin sun woggaa torbaaf kolbaa hedduu woliin gondooroo hin godha; inni gamisa woggaa torbaatitti ciinca'aa fi kennansi midhaanii akka hafu godhee, addee ciinca'aatii fi kennansa midhaan sanii, battummaa badii fiddu Galma Waaqaa keessatti akka jiraattu hin godha; tunille adabbiin bulchaa san irratti laffante haga muummottutti teeti» jedhe.
DAN 10:1 Qiiros biyya Faaresiititti mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti, mudhiin takka Daani'elii Belxishaazaar jedhamutti mudhatte. Mudhiin sun ta dhuga'aa ti; isiin marroo lola gudda'aa ta beessittu; inni mudhii san akka hubatuuf, mudhi'iin hubantiin isaaf kennante.
DAN 10:2 Yennaa san ani Daani'el torbaan sadiif gadda irra jiraayyu.
DAN 10:3 Torbaan sad haga dabartutti ani sagalee dansaa hin nyaanne; foonii fi daadhii woyni'ii afaaniin hin qanne; waan iffatanulle fuula yookiin mataa hin iffanne.
DAN 10:4 Ji'a qaraa guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, ani laga Xeegrosii guddicha bira dhaabbadhee,
DAN 10:5 yennaa ol ilaale, namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, hidha ifii hiituu worqi'iitiin hidhate tokko dhagge.
DAN 10:6 Nafi isaa akka dhakaa, «Beerilos» jedhamuu issa; fuulli isaa akka balaqqeetti'ii calaqqisa; ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaatti; harkii fi miilli isaa akka sageettuu morodantee cululuqa; qoonqoon isaa akka qoonqoo kolbaa heddu'uu ti.
DAN 10:7 Ana Daani'el calla'attuu mudhii tana dhagge malee, worri na woliin jiru hin dhaggine; ammoo guddoo waan sodaataneef, baqatanee dhokatane.
DAN 10:8 Maarre ani qofii tiyya hafee mudhii guddoo tana dhagge; ani jabeenna dhabee, fuulli kiyya shankallowee, hunnalle dhabe.
DAN 10:9 Achiin duuba qoonqoo namichaa dhage'e; yennaa qoonqoo isaa dhage'e, rifadhee fuulaan lafatti jigee, ifi wollaale.
DAN 10:10 Achiin duuba harki tokko na tuqee, ani rorommaa harkaan lafa qabadhee, jilba kiyyaan akka jilbiiffadhu na godhe.
DAN 10:11 Ergamaan Waaqaa sun anaan, «Ee Daani'elii guddoo jaalatante, ani gara keeti waan ergameef, dubbii ani sitti dubbadhu akka dansaa hubadhu; addee jirtutti ol ka'ii dhaabbadhu» naan jedhe; yennaa inni dubbii tana natti dubbate, ani rorommaa ol ka'ee dhaabbadhe.
DAN 10:12 Achiin duuba inni anaan, «Ee Daani'el, hin sodaatin. Guyyaa ati hubantii dhaggatiisaaf, Waaqa duratti ifi gad qabiisaaf murteessiteen jalqabee, daadimati keeti dhage'ameera; daadimati keeti waan dhage'ameef, ani gara keeti ergamee dhufe.
DAN 10:13 Sooressi guddichi ka mootummaa Faaresii, guyyoota diddamii tokko anaan morme; achiin duuba Mikaa'el sooressi sooressitootaa, qofi hafiisa kiyya dhaggee na qarqaariisaaf dhufe.
DAN 10:14 Mudhiin sun marroo guyyoota gara duraa waan mudhittuuf, guyyoota muumme'eetitti waan kolbaa teeti dhaqqabu'uu jiru, si hubachiisiisaaf ani gara keeti dhufe» jedhe.
DAN 10:15 Yennaa inni tana natti dubbate, ani lafa ilaalee dubbatiisa dadhabe.
DAN 10:16 Achiin duuba ergamaan ilmaan namaa fakkaatu tokko, hidhii tiyya tuqe; anille afaan kiyya banadhee dubbadhee, ka na dura dhaabbateeru saniin, «Ee goottaa kiyya, sababa mudhii tanaatiin guddoo farree, hunna dhabeera.
DAN 10:17 Ani hunna dhabee, hafuurri na keessaa waan dhumateef, ani tajaajilaan keeti, attamiin si goottaa kiyya woliin dubbatiisa dande'a ree?» jedhe.
DAN 10:18 Ammalle ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, na tuqee na jabeessee,
DAN 10:19 «Ee nama guddoo jaalatante, hin sodaatin; nageenni siif te'u; jabaadhu, jajjabaadhu» jedhe. Yennaa inni natti dubbate, ani jabaadhee, «Ee goottaa kiyya, ati waan na jabeessiteef dubbadhu» jedheen.
DAN 10:20 Achiin duuba inni anaan, «Ani maaf gara keeti akka dhufe hin beettaa? Ani ammalle sooressa guddicha Faaresii loliisaaf achi hin deebi'a; ani deemeen duuba sooressi guddichi Giriikii hin dhufa.
DAN 10:21 Ani ammoo dursee, waan Kitaaba Dhuga'aa keessatti barreeffame sitti hima; Mikaa'elii sooressa guddicha keessan malee, sooressitoota gugurdoo tanaan wol loliisaaf ka na qarqaaru hin jiru.
DAN 11:1 «Daariyos nami biyya Medoonii mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, isa qarqaariisaa fi jabeessiisaaf, ani isa bira dhaabbadheeraayyu.
DAN 11:2 Ammalle ani waan dhuga'aa sitti hima» jedhe. Ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, «Moototi dhibiin sadiin biyya Faaresii keessatti hin kaati; ka arfeesso'oo isaan caalaa hin durooma; inni yennaa durummaa ifiitiin jabaate, biyya mara mootummaa Giriikii irratti hin kakkaasa.
DAN 11:3 «Achiin duuba mootichi jabaan lola jaalatu, ka hunnaan bulchuu fi ka waan fedhe godhu tokko hin ka'a.
DAN 11:4 Akkuma hunni isaa jabaatteen ammoo, mootummaan isaa diigantee, maddii afuritti gargar hin qoodanti; mootummaa isaa isa irraa fudhatantee worra dhibi'iif waan kennantuuf, sanyii isaatitti hin dabartu; akka qaraalle hunna hin qabaatu.
DAN 11:5 «Mootichi kibbaa hin jabaata; abbootii duulaa isaa keessa ammoo, tokko isa caalaa jabaatee hin bulcha; mootummaan isaalle mootummaa guddoo hin teeti.
DAN 11:6 Woggoota diqqo'oon duuba mootichi kibbaa, mooticha kaabaa woliin wolii galan. Intalti mooticha kibbaa, wolii galtee isaanii jabeessiisaaf mooticha kaaba hin heerumti; isiin ammoo hunna ifiitiin turuu hin dandeettu; innii fi hunni isaalle jabaattee hin leetu; tanaaf isiin, dhirsi isi'ii, worri isii gara biyya sanii geessee fi abbaan isi'ii hin ijjeefaman.
DAN 11:7 Sanyii isi'ii keessaa tokko mootii kibbaa te'ee, loltoota mootii kaabaa hin lola; kushee isaaniille diigee isaan hin injifata.
DAN 11:8 Inni fakkii waaqota isaanii, meya gatii guddo'oo meeti'ii fi worqi'ii booji'ee gara biyya Gibxi'ii hin geessa; woggoota diqqo'oof inni mootii kaabaa hin lolu.
DAN 11:9 Achiin duuba mootiin kaaba mootii kibbaa hin lola; ammoo dheetee gara biyya ifii hin deebi'a.
DAN 11:10 «Ilmaan isaa mootii kibbaa loliisaaf qophowanee, loltoota bacaa wolitti hin qabatan. Isaan keessaa tokko akka lolaa bisaanii te'ee, kushee diinotaa irra hin dhangala'a.
DAN 11:11 Achiin duuba mootiin kibbaa aari'iin ka'ee, loltoota bacaa mootiin kaabaa san hin injifata.
DAN 11:12 Loltooti bacaan yennaa booji'ante inni hin koora; loltoota kaabaa ta kuma heddu'utti laakkowantu hin fixa; inni ammoo injifachaa saniin jabaatee hin le'u.
DAN 11:13 «Mootiin kaabaa ka duraa caalaa loltoota bacaa waan qopheeffatuuf, woggoota diqqo'oon duuba loltoota ifii hedduu ta meya woraanaa guutuu hidhatte fudhatee deebi'ee hin dhufa.
DAN 11:14 Bara san kolbaan hedduun mootii kibbaa irratti hin ka'an; Daani'el, mudhiin teeti akka muummottuuf, kolbaa teeti keessalle'ee worri hunnaan nama irratti ka'anu hin ka'an; ammoo hin injifataman.
DAN 11:15 Achiin duuba mootiin kaabaa qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame tokko marsee hin qabata. Loltooti kibbaa ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu; loltooti filamaneeyyuu, ifi irraa dhooggatiisaaf hunna hin qaabatanu.
DAN 11:16 Mootiin kaaba sun waan fedhe hin godha; ka isa ifi irraa dhooggatiisa dande'u hin jiru. Inni lafa Israa'elii bisilee hin qabata, isii balleessiisaafille hunna hin qabaata.
DAN 11:17 «Inni loltoota mootummaa ifii duudii woliin duuliisaa hin yaadata; mootii kibbaa woliin wolii galtee nageyaa hin godha; mootummaa san balleessiisaaf, intala ifii mooticha kibbaa hin heerumsiisa; ammoo yaadi sun isaaf hin te'u yookiin isa hin qarqaaru.
DAN 11:18 Achiin duuba inni gara lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa hin deebi'a; kolbaa hedduulle hin qabata; ammoo abbaan duulaa tokko isa injifatee, koora isaa hin dhaabbachiisa; dhugumaan dubbii inni kooraan dubbattelle isuma irratti hin deebisa.
DAN 11:19 Achiin duuba mootichi kaabaa gara kushee biyya ifii hin deebi'a; inni ammoo gufatee hin jiga; deebi'eelle hin dhaggamu.
DAN 11:20 «Mootiin addee isaa bu'u, ulfinna mootummaa ifii eegisiisaaf nama gibira guuru hin erga; te'uu malee woggaa diqqo'oon duuba aarii kolba'aatiin yookiin woraanaan adoo hin te'in, mootichi sun hin du'a.
DAN 11:21 «Isaan duuba nami tuffatamaan tokko hin ka'a; ulfinni mootumma'aa isaaf hin kennamu; adoo kolbaan dedhuma jirtuu, malaan dhufee sobiisaan mootummaa hin qabata.
DAN 11:22 Inni loltoota hunnaameyyii bacaa, sooressa gondooro'oo injifatee haxowee hin balleessa.
DAN 11:23 Kolbaan biyya adda addaa hedduun isaa woliin wolii galan; inni ammoo isaan hin soba; hunna guddoo hin qabaata; ammoo kolbaa diqqo'otti isa qarqaara.
DAN 11:24 Inni kolbaan lafa bisilee keessaa dedhuma adoo jirtuu, hin lola; waan abbootiin isaa ta durii hin godhin hin godha. Inni meyaa fi karra booji'e mara worra isa gula deemuuf hin qooda; kushee jissiisaaf mala dhowa; ammoo yennaa diqqoo qofaaf isaaf teeti.
DAN 11:25 «Inni loltoota guddoo qopheeffatee, mootii kibbaa loliisaaf hunnaa fi jabeenna ifii hin kakkaasa; mootiin kibbaalle loltoota baca'aa fi jajjadduu hin qopheeffata; isaan isa irratti mala waan dhowaneef, inni ammoo ifi irraa dhooggatuu hin dande'u.
DAN 11:26 Worri isaa woliin nyaatuuyyu isa balleessiisaaf hin wodhaanan; loltooti isaa hin haxowaman; hedduun isaaniille hin du'an.
DAN 11:27 Moototi lamaanuu gadhaa ifii keessatti hammeenna qabatanee, qorii takka'atti nyaatiisaaf hin tee'an; wolille hin soban; muummee isaaniitiif yennaan Waaqi murteesse waan hin geyiniif ammoo, isaaniif hin teetu.
DAN 11:28 Mootichi kaabaa karra booji'e fudhatee, gara biyya ifii hin deebi'a; yaad isaa ammoo gondooroo woyyittii balleessiisa; waan fedhe godheen duuba gara biyya ifii hin deebi'a.
DAN 11:29 «Yennaa murtootetti mootichi kaabaa deebi'ee mootii kibbaa hin lola; te'uu malee akka yennaa duraa isaaf hin teetu.
DAN 11:30 Worri Rooma'aa hobolo'oon dhufee waan loluuf, inni hin sodaata. Achiin duuba gara duuba deebi'ee gondooroo woyyitti'itti aarii ifii baya; deebi'eelle gorsa worra gondooroo woyyittii lakkisee hin fudhata.
DAN 11:31 Loltooti isaa Galmaa Waaqaatii fi dalleya Galma Waaqaa batteesane. Isaan ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatulle akka hafu godhanee, farra badi'ii hin dhaaban.
DAN 11:32 Inni worra gondooroo lakkise sossobiisaan qarqaarsa irraa dhaggata. Kolbaan Waaqaa ifii beettu ammoo, jabaattee isa mormiti.
DAN 11:33 Worri qarooleen odduu kolba'aa jiranu, kolbaa barsiisiisan; te'uu malee yennaa diqqo'oof shallaaga'aan hin ijjeefaman yookiin ibiddaan hin gubatan yookiin hin booji'aman, yookiin hin saamaman.
DAN 11:34 Rakkoo san keessa isaan qarqaarsa diqqaa hin dhaggatan; worri bacaan sobaan isaanitti hin dabalama.
DAN 11:35 Haga yennaan Waaqi murteesse geettutti, akka isaan dhimbiibamanu, akka qulluu te'anuu fi qulqulloomanu, qaroolee san keessaa worri diqqaan hin ijjeefama.
DAN 11:36 «Mootiin kaabaa waan fedhe hin godha. Inni ifi ol qabee, waaqota mara ka caalu ifi seya. Waaqa waaqota caalu irratti arraba hamaa hin dubbata. Wonni murteeffame marti te'u'uuf waan malteef, yennaan mufii Waaqaa haga muummottutti wonni marti hin teetiif.
DAN 11:37 Inni waaqota abbootii ifii ta duriitiif yookiin waaqota dubartooti jaalattuuf ulfinna hin kennu; inni ka mara caalu waan ifi seyuuf waaqota dhibii tokkolle'eef ulfinna hin kennu.
DAN 11:38 Addee isaanii, waaqa, ‹Kushee eega› jedhamuuf ulfinna hin kenna; waaqa abbootiin isaa ta durii hin beenne tokkoof, worqi'ii fi meetii, dhakaa gatii guddo'ootii fi kennansa gatii guddo'oo kenniisaan ulfinna hin kenna.
DAN 11:39 Kolbaa waaqa orma waaqonfatuun kushee diinaa ta kushee mara caalaa jaddu'uu hin lola; worra akka bulcha'aatitti isa fudhatuuf ulfinna gudda hin kenna; kolbaa dhibii hedduu irratti bulchitoota isaan hin godha; galata isaan isaaf godhaneef, lafa isaaniif hin qooda.
DAN 11:40 «Barri yennaa geye mootiin kibbaa mootii kaabaa hin lola; mootiin kaabaalle garreettaa woraanaa ka fardaan harkifamu heddu'uun, abbootii fardaatii fi hoboloo heddu'uun akka hobonbolatti'ii itti ori'a. Akka lola'aa haxowaa biyya hedduu hin lola.
DAN 11:41 Inni lafa Israa'elii bisiltuulle hin lola; biyya hedduulle hin injifata; Edoom, Mo'aabii fi sooreyyiin Amoonii ammoo, harka isaa jalaa hin miliqan.
DAN 11:42 Inni biyya hedduu harka ifii jalatti hin bulcha; biyyi Gibxi'iille isa jalaa hin baatu.
DAN 11:43 Worqi'ii meeti'ii, fi karra Gibxi'ii mara hin fudhata; worri Liibiya'aatii fi Itoophiya'aa, isaaf hin ajajaman.
DAN 11:44 Oduun gara aduun baatuu fi gara kaabaa irraa dhuttu ammoo mootii kaabaa hin sodaachitti; inni kolbaa hedduu balleessiisaaf aarii guddo'oon hin baya.
DAN 11:45 Inni abbaaya'aa fi gaara woyyicha dansaa wodhakka'atti dunkaanota mootummaa ifii hin dhaabbata; muummee irratti inni hin du'a; nami tokkolle isa hin qarqaaru» jedhe.
DAN 12:1 Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa'el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka'a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan.
DAN 12:2 Worri hedduun du'ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka'an.
DAN 12:3 Worri qarooleen akka ifa gubba'aa hin ifan; worri worra hedduu gara balchumma'aa deebise haga bara baraa akka urji'ii hin ifan.
DAN 12:4 «Ati ammoo Daani'el, haga bara muumme'eetitti, kitaaba san cufii chaappaa itti dhowiitii, dubbii tana dhossii qabadhu; worri hedduun beekkumsa ede'atiisaaf, asii fi achi hin daaqan» jedhe.
DAN 12:5 Achiin duuba ani Daani'el ergantooti dhibiin lamaan tokko irga lagaa gamaan, kuun irga lagaa gamanaan dhaabbataneeranuun dhagge.
DAN 12:6 Isaan keessaa tokkochi ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeruun, «Wonni maade'ee kun yoom muummotti?» jedhe.
DAN 12:7 Ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeru sun, harka ifii gara ol-gubba'aa kaasee, maqaa Waaqa bara bara le'uutiin kakatee, «Woggaa sadiif gamisatti teeti; hunnaa kolbaa Waaqaa caccassiisi yennaa dhaabbattu wonni kun marti hin muummotti» jedhe.
DAN 12:8 Ani waan inni jedhe dhage'e; ammoo hin hubanne. Tanaaf, «Ee, Goottaa kiyya, wonni kun marti teeteen duuba maanti te'a ree?» jedhee gaafadhe.
DAN 12:9 Innille deebisee, «Daani'el, haga bara muumme'eetitti, dubbiin tun dhossa'aan qabantee, chaappaan itti waan dhowameeruuf, ati deem.
DAN 12:10 Worri hedduun qulluu te'anee, qulqulloomanee hin dhimbiibaman; worri hamooleen ammoo hammeenna irratti hammeenna hujan. Worra hamoolee keessaa tokkolle ka woy hubatu hin jiru; worri qarooleen ammoo hin hubatan.
DAN 12:11 «Ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatu akka hafu godhanee, farri badi'iille akka dhaabantu haga godhaneen jalqabee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaaf sagaltam hin dabara.
DAN 12:12 Guyyaa kuma tokkoo fi dhibba sadii soddomii shan, nami addatamummaan ture hin gammada.
DAN 12:13 «Atille Daani'el, haga muumme'eetitti ka addatante te'i; achiin duuba hin duuta; bara muumme'eetitti ammoo, qooda keeti fudhatiisaaf hin kaata» jedhe.
HOS 1:1 Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara moototi Yihuda'aa: Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas tarre'etti biyya Yihuda'aa bulchanu, bara Yerobi'aamiin mootichi ilmi Yeho'aashiille biyya Israa'elii bulchu gara Hose'aa ilma Beerii dhufe.
HOS 1:2 Mootiin Waan Maraa yennaa karaa Hose'a'aatiin dubbatiisa jalqabe, Hose'aan, «Biyyi Mootii Waan Maraa lakkisiisaan waan sagaagalteef, dhaqii, niitii gaarayyeeffattuu fuudhiitii, ijoollee gaarayyeeffattuu akka isi'ii uumadhu» jedhe.
HOS 1:3 Maarre Hose'aan intala Diiblaayimii Gomer fuudhe; isiille ulfoottee ilma isaaf deette.
HOS 1:4 Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Sababa isaan Yizre'elitti dhiiga dhangalaasaneef, ani maatii Yehu'uu yennaa gabaadduu keessatti waan adabuuf, mootummaan Israa'eliille akka baddu waan godhuuf, maqaa isaa ‹Yizre'el› jedhii baasi.
HOS 1:5 Guyyaa san ani dhooqa Yizre'elii keessatti guubee Israa'elii hin cassa» jedhe.
HOS 1:6 Gomer ammalle ulfoottee, intala deette; Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Ani haganaa achi kolbaa Israa'eliitiif waan hin mararreef yookiin hin araaranneef, ‹Lo-Ruhaamaa› jedhii maqaa baasi.
HOS 1:7 Kolbaa Yihuda'aatiif ammoo ani hin marara; guube'een, shallaaga'aan yookiin lolaan yookiin fardo'oo fi abbootii fardo'ootiin adoo hin te'in, ani Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaanii isaan hin baasa» jedhe.
HOS 1:8 Gomer eega Lo-ruhaamaa harma irraa guuche, ulfoottee ammalle ilma dhibii deette.
HOS 1:9 Mootiin Waan Maraa Hose'aan, «Kolbaan Israa'elii kolbaa tiyya waan hin te'iniif, anille Waaqa isaanii waan hin te'iniif, ‹Lo-Amii› jedhii maqaa baasi.
HOS 1:10 «Kolbaan Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa ka safaranee yookiin laakkowanee hin dandeennee hin teeti. Adduma, ‹Isaan kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti, isaan, ‹Ilmaan Waaqa jiraata'aa› jedhamanee hin waamaman.
HOS 1:11 Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Israa'elii deebitee tokko hin teeti; sooressa tokko hin filatti; guyyaan Yizre'elii guddaa waan te'eef, lafa ifiititti deebi'anee qananumma'aan hin le'an.
HOS 2:1 «Maarre obboleeyyan teessan, ‹Kolbaa tiyya›, obboleeyyan teessan ta durraalle, ‹Marartii› jedha'aa waama'a.
HOS 2:2 «Isiin haadha manaa tiyya waan hin teeneef, anille abbaa manaa isi'ii waan hin teeneef, ijoollee tiyya haadha teessan gorsa'a! Isii gorsa'a! Herrega gaarayyeeffataatii fi sagaagalaa lakkittuu ti.
HOS 2:3 Yoo akkas hin te'in, ani mulqee akka guyyaa dhalattee, qullaa isii hambura; akka goomole'ee, lafa godduu isii hin godha; dheebu'uun isii ijjeesa.
HOS 2:4 Isaan ijoollee gaarayyeeffattu'uu waan te'aneef, ani ijoollee isi'ii hin mararu.
HOS 2:5 Haati isaanii gaarayyeeffattee, karaa salphinnaatiin isaan ulfootte. Isiin, ‹Ani worra midhaanii fi bisaan, woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante, zayiti'ii fi untoo naaf kennanu, gaarayyoota tiyya gula deema› jette.
HOS 2:6 «Tanaaf, ani haxanxarii qore'eetiin karaa isi'ii hin cufa; akka isiin karaa baatu hin dhagganne, dalleya dhaka'aa itti ijaara.
HOS 2:7 Isiin gaarayyoota ifii gula fiiddi ammoo isaan hin dhaqqaddu; isaan hin barbaaddi ammoo hin dhaggitu. Achiin duuba, isiin, ‹Jiruu tiyya ta ammaa, jiruun tiyya ta durii waan caaltuuf, gara dhirsa kiyya ka durii deebi'a› hin jetti.
HOS 2:8 Isiin midhaan, daadhii woyni'ii o'itu'uu fi zayitii ejersaa ka isi'iif kenne, meeti'ii fi worqii isaan waaqa dharaa Ba'aaliif hujane, ka baceesse ana akka te'e hin beenne.
HOS 2:9 «Tanaaf, ani midhaan kiyya yennaa inni bilchaate, daadhii woyni'ii o'ituun tiyyalle yennaa isiin qophootte hin fudhadha. Woyaa liilanaatii fi woyaa quncee talba'aa irraa hujante tiyyalle akka isiin nafa qullaa ifiitiin hin gollanne ani deebisee hin fudhadha.
HOS 2:10 Ani gaarayyoota isi'ii duratti mulqee, qullaa isii hambura. Harka kiyya keessaa ka isii baasu hin jiru.
HOS 2:11 Ani jila isi'ii mara: jila isi'ii ka wogga'aa, ka baatii ji'aa, ka guyyaa Sanbataa, jila isi'ii ka addaa mara hin hambura.
HOS 2:12 Muka woyni'iitii fi muka harru'uu ka isiin, ‹Gaarayyoota kiyyatti gatii naaf kenne› jettu san hin balleessa. Ani gongomaa isaan godha; bineensoti isaan hin nyaatan.
HOS 2:13 Guyyoota isiin waaqa dharaa Ba'aaliif hixaana aarsiteef, ani isii hin adaba; isiin qube'ee fi seesa naqattee, gaarayyoota ifii gula deentee, ana ammoo deete» jedhe.
HOS 2:14 Mootiin Waan Maraa ammalle, «Tanaaf, ani amma isii hin sossobadha; gara goomole'ee isii geessee, jecha jaalalaa isi'itti hin dubbadha.
HOS 2:15 Achitti muka woyni'ii isi'iif hin deebisa; ani dhooqa Akorii balbala addi'ii isi'iif hin godha; achitti akka guyyaa biyya Gibxi'ii keessaa baateetitti, akka guyyaa dargaggummaa ifiititti gammadaan hin faarfatti.
HOS 2:16 Guyyaa san ‹Dhirsa kiyya› jettee na waanti malee, akka Ba'aalii waaqa ifii ka dharaa, ‹Goottaa kiyya› jettee waantu na hin waantu.
HOS 2:17 Akka isiin deebitee waaqota dharaa Ba'aal maqaa hin dhoonne hin godha.
HOS 2:18 «Guyyaa san ani bineensota, sinbirroota fi bineensota lafa irra munyuuqanu woliin gondooroo hin godha. Martinuu nageyaan akka le'uuf, ani guube'ee fi shallaagaa, meya lolaa mara lafa irraa hin balleessa.
HOS 2:19 Ani haga bara baraa fuudhaaf si hawadadha; balchumma'aan, haqaan, jaalala bara baraatii fi mararti'iin fuudhaaf si hawadadha.
HOS 2:20 Ani addatamumma'aan fuudhaaf si hawadadha; atille ana Mootii Waan Maraa hin beetta.
HOS 2:21 Yennaa san ani Mootiin Waan Maraa deebii hin kenna; ani ol-gubba'aaf deebii hin kenna; ol-gubbaalle lafaaf deebii hin kenniti.
HOS 2:22 Lattille midhaan, woyni'ii fi zayitii ejersaa kenniisaan Yizre'eliif deebii hin kenniti.
HOS 2:23 Ani biyya keessatti kolbaa tiyya hin dhaaba; worra, ‹Lo-Ruhaamaa› jedhee waame hin marara; worra ‹Lo-Amii› jedhee waame, ‹kolbaa tiyya› hin jedha. Isaanille, ‹Ati Waaqa keenna› anaan hin jedhan» jedhe.
HOS 3:1 Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan Israa'elii gara waaqota dhibi'ii deebitulle, midhaan woyni'ii gogaa ka waaqota dhibi'iif adda baye jaalattulle, akkuma ani Mootiin Waan Maraa isaan jaaladhu, atille dhaqiitii, ammalle niitii teeti gaarayyeeffattuu san jaaladhu» jedhe.
HOS 3:2 Maarre ani meetii kudhanii shanii fi garbuu kiiloogiraama dhibba tokkoo fi shantamaatiin isii bitadhe.
HOS 3:3 Achiin duuba ani, «Adoo hin sagaagalin yookiin hin gaarayyeeffatin, yennaa hedduu na woliin le'i; anille akkasuma si woliin hin le'a» isi'iin jedhe.
HOS 3:4 Akkuma kana kolbaan Israa'eliille mootii malee yookiin qondaaltota malee, ciincaa malee yookiin soodduu woyyittii malee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa yookiin waaqa dharaa malee woggaa hedduu hin le'an.
HOS 3:5 Achiin duuba Israa'elooti deebi'anee, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitii fi mootii ifii ka sanyii Daawitii hin barbaadan; bara muumme'ee soda'aan gara Mootii Waan Maraatii fi gara eebba isaa hin deebi'an.
HOS 4:1 Ee kolbaa Israa'elii, Mootiin Waan Maraa isin worra lafa tana keessa leetanu woliin dubbii waan qabuuf, jecha isaa dhage'a'a: «Addatamummaan hin jirtu; jaalalli bara baraa hin jiru; ana Waaqa beekuun lafa teessan keessa hin jirtu.
HOS 4:2 Abaarsa, dhara, ijjeechaa, hannaa fi gaarayyeeffata qofatti achi jira; wolii galtee mara diigan; dhiiga dhangalaasiis isaanii bacateera.
HOS 4:3 Sababa kanaaf, oolaan lafatti bu'a; wonni isii irra le'u marti hin du'an; bineensotii fi sinbirrooti, qurxummiin abbaaya'aalle hin dhumatan.
HOS 4:4 «Kolbaan teeti akkuma worra hayyoota himatuu san waan teeteef, nami dubbii hin kaasin; nami nama dhibii himatu hin jiraatin.
HOS 4:5 Isin halkanii fi guyyaa gufattan; raagotille isin woliin gufatan. Tanaaf, ani biyya teessan Israa'el hin balleessa.
HOS 4:6 Kolbaan tiyya beekkumsa dhabiisaan baddeerti; isin beekkumsa waan jibbitaneef, anille akka isin hayyoota naaf hin teene isin jibbe; isin seera ana Waaqa keessanii waan deetaneef, anille ijoollee teessan hin dedha.
HOS 4:7 «Akkuma hayyooti bacatte, cubbuun isaan na irratti hujanulle bacatte; ani ulfinna isaanii salphinnatti hin jijjiira.
HOS 4:8 Isaan kennansa kolbaan tiyya sababa cubbu'uutiif kennitu nyaatan; akka kolbaan yakkaa baceessitee hujju fedhan.
HOS 4:9 Hayyootille akkuma kolba'aa ti; ani isaan lachuu hin adaba; hujii isaaniitiif gatii isaaniif hin kaffala.
HOS 4:10 Isaan hin nyaatan, ammoo hin quufanu; hin sagaagalan, ammoo hin horanu; isaan ana Mootii Waan Maraa lakkisanee,
HOS 4:11 sagaagalaaf, daadhii woyni'ii ta baatee fi ta hin bayin, ta hubantii kolbaa tiyya irraa fudhatteef ifi kennane.
HOS 4:12 Kolbaan tiyya waaqota muka irraa hujame irraa gorsa gaafatti. Uleen mukaa deebii isaaniif kenniti. Ayyaanni sagaagalaa karaa irraa isaan gorsa; isaan Waaqa ifiitiif hin addatamanu.
HOS 4:13 Isaan qaccee gaarotaa irratti ciincaa ciincessan; koobota irratti, qilxaa jalatti, muka dafee guddatuu fi daandii jalatti, gaaddisi isaanii waan toluuf, kennansa gubamu dhikeessan. «Tanaaf, ijoolleen durraa teessan sagaagalti; niitoti ilmaan teessaniille gaarayyeeffatti.
HOS 4:14 Ijoolleen durraa teessan yennaa sagaagaltu, niitoti ilmaan teessaniille yennaa gaarayyeeffattu, ani isaan hin adabu; sababille, dhiirtinuu sagaagaltoota gula deemaa, galma waaqota dharaatitti woliin ciincaa dhikeessan; kolbaan hubantii hin qanne hin baddi.
HOS 4:15 «Ee, Israa'el, ati gaarayyeeffattulle, Yihudaan akka keeti hin te'in. Giilgal hin dhaqina'a; gara Bet-Aweenii ol hin bayina'a. ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee› jettaneelle hin kakatina'a.
HOS 4:16 Kolbaan Israa'elii akka goronsa jallichaa teeteerti. Mootiin Waan Maraa akka hoolota diida dansaa keessaa attam isaan tissa ree?
HOS 4:17 Kolbaan Israa'elii waaqota dharaatiin wolitti hidhanteerti. Itti lakkisa'a.
HOS 4:18 Yennaa untoo ifii fixatanulle, sagaagala ifiititti ka'an; bulchitooti isaanii salphinna kana guddoo jaalatan.
HOS 4:19 Hobonbolattiin haxoottee isaan fudhattee hin ideenti; ciincaan isaanii salphinna isaanitti hin fida.
HOS 5:1 «Isin hayyoota, tana dhage'a'a! Isin Israa'eloota hubadha'a! Ee, maatii moototaa caqasa'a! Muraan tun isin irratti muranti; isin Miispha'atti tiyyoo, gaara Taaborii irralle'etti caccoo afante teetaneertan.
HOS 5:2 Worri finqilaan ijjeecha'atti jabaataneeran. Ani isaan mara hin adaba.
HOS 5:3 Ani marroo Efreemotaa hin beeka; Israa'el na duraa dhokattee hin jirtu. Efreem, ati amma gara sagaagalaa deebiteerta; Israa'el battootteerti.
HOS 5:4 «Hujiin isaanii gara Waaqaa akka deebi'anu isaan hin gootu. Sagaagalummaan yaada isaanii keessa jirti; isaan Mootii Waan Maraa hin beekanu.
HOS 5:5 Koorri Israa'elii isaanuma irratti dhugaa baya; Israa'elii fi Efreem cubbuu ifiitiin gufatan; Yihudaalle isaanuma woliin gufata.
HOS 5:6 Isaan hoole'ee fi re'ee, loon ifiille fudhatanee Mootii Waan Maraa hin barbaadan; garuu inni isaan irraa waan adda bayeef, isaan isa hin dhagganu.
HOS 5:7 Isaan Mootii Waan Maraatiif waan hin addataminiif, ijoollee ormaaf uumaneeran; tanaaf amma jilti baatii ji'aa ta isaanii, isaanii fi fichaa isaanii hin balleessiti.
HOS 5:8 «Giibe'aa keessatti tultullaa, Raamaa keessatti suusullee afuufa'a. Bet-Aween keessatti iyya lolaa kaasa'a. ‹Ee, kolbaa Beniyaaminii, isinitti dhufane› jedha'a
HOS 5:9 Guyyaa adabbi'ii Efreem duwwaa hin teeti; ani gosa Israa'elii oddu'utti dhugumaan waan te'uuf jiru lassiisatti jira.
HOS 5:10 «Sooreyyiin Yihuda'aa akka worra meessaa dhiibuu te'aneeran; ani mufii tiyya akka lolaa bisaanii isaan irratti hin dhangalaasa.
HOS 5:11 Efreem waaqota dharaa hordofiisa yaada waan qabuuf, cunqurfamee, muraan isatti dhutte.
HOS 5:12 Ani Efreemiif akka qu'e'ee, kolbaa Yihuda'aatiif akka shanto'oo hin te'a.
HOS 5:13 «Efreem dhibee ifii, Yihudaan madaa ifii yennaa dhagge, achiin duuba Efreem gara biyya Asoorii deebi'ee, qarqaarsa dhaggatiisaaf mootii guddichatti ergate; inni ammoo dhibee isaanii fayyisuu, madaa isaaniille irraa balleessuu hin dandeenne.
HOS 5:14 Ani Efreemitti akka neenqaa, Yihudaalle'etti akka neenqa dardaraa hin te'a. Ani tatarsaasee kukkutee isaan biraa hin deema; fuudheelle hin deema; ka isaan baasu hin jiru.
HOS 5:15 «Haga isaan yakkaa ifii beekanutti, ani gara addee tiyyaa hin deebi'a. Isaanille fuula kiyya hin barbaadan; isaan rakkinna ifii keessa akka malee na hin barbaadan» jedhe.
HOS 6:1 Kolbaan, «Kowa'a, gara Mootii Waan Maraa deebinaa! Isattuu nu kukkutee, isattuu nu fayyisa; isattuu nu madeessee, isattuu madaa teennaa hidha.
HOS 6:2 Guyyaa lamaan duuba inni jiruu haareya nu keessa hin keya; akka fuula isaa dura leenu guyyaa sadiin duuba nu hin kaasa.
HOS 6:3 Kowa'a, Mootii Waan Maraa beennuu ti; isa beekiisaaf wodhaanuu ti. Inni akka boruu dayya'uu hin mudhata; akka bokkeya gannaa, akka bokkeya furmaataa ka lafa jiisuu gara keenna hin dhufa» hin jetti.
HOS 6:4 Mootiin Waan Maraa, «Ee Efreem, ani maan si godhu ree? Ee Yihuda'a, ani maan si godhu ree? Jaalalli keessan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa ganamaa ka dafee baduu ti.
HOS 6:5 Tanaaf, ani karaa raagota tiyyaatiin isin kukkutee, jecha kiyyaan isin ijjeese. Muraan tiyyalle akka balaqqeetti'ii isin irratti balaqqitte.
HOS 6:6 Ani ciincaa caalaa jaalala bara baraa, kennansa gubamu caalaa ana Waaqa beekiisa keessan barbaada.
HOS 6:7 «Isaan akkuma Addaamii gondooroo diigane.
HOS 6:8 Giil'aad qachaa namoota hamootaa, ka dhiigaan battowe.
HOS 6:9 Worri nama saamu akkuma riphee nama eegu, hayyootille goli'iin akkasuma godhan; isaan karaa Sheekem geessu irratti nama ijjeesaa, yakkaa fokkisiittuu hujan.
HOS 6:10 Ani Israa'el keessatti waan nafa nama shuguggeessu dhaggeera; Efreem achitti sagaagalee Israa'el battootte.
HOS 6:11 «Kolbaa tiyya boojuu irraa yennaa deebisu, ee kolbaa Yihuda'aa, isinille yennaa itti haammantanu murteesseera.
HOS 7:1 «Ani yennaa kolbaa Israa'elii fayyisuu barbaadutti, yakkaan kolbaan Efreemii, hammeenni Samaariya'aa hin mudhata; isaan sobaan hujan; hattuun mana cassitee seenti; saantuulle karaa irratti nama saanti.
HOS 7:2 Isaan ammoo hujii isaanii hantuu tana mara akka ani qaabadhu hin yaadatanu; cubbuun isaanii isaan marsitee, yennaa mara fuula kiyya dura jirti.
HOS 7:3 «Isaan mooticha hammeenna ifiitiin, qondaaltota dhara ifiitiin gammachiisan.
HOS 7:4 Isaan martinuu gaarayyeeffattoota, akka eelee ibidda irratti o'itee, ta nami daabboo bilcheessu bukoo sukkuumee haga isiin bukoottutti ibidda itti tuttuqiisa hin barbaachinnee ti.
HOS 7:5 Guyyaa jila mootii keennaa qondaaltoti machii daadhii woyni'iitiin finiinane. Mootichille worra murgaameyyii woliin wolii gale.
HOS 7:6 Isaan akka eelee finiintee ti; gadhaan isaanii isaan keessatti gubata; halkan guutuu aariin hin qabbanoottu; ganama akka bobe'a ibiddaa bobeetti.
HOS 7:7 «Isaan martinuu akka eele'ee finiinaneeran; bulchitoota ifiille fixaneeran. Moototi isaanii marti jidde; isaan keessaa tokkolle qarqaarsa na hin gaafanne.
HOS 7:8 «Kolbaan Efreemi gosa biyya adda addaa woliin wolitti makante; kolbaan Efreemii akka bixee gara hin galfaminii ti.
HOS 7:9 Ormi hunna isaanii nyaate; isaan ammoo hin hubanne; arriin isaan wowworaante; isaan ammoo hin qalbeeffanne.
HOS 7:10 Koorri kolbaa Israa'elii isaanuma irratti dhugaa baya; tun marti teetee ammoo, isaan gara ana Mootii Waan Maraa Waaqa ifii hin deebine.
HOS 7:11 Kolbaan Efreemii akka saphaliisa hubantii hin qanne ka akkuma kasoo sobamuu ti; qara worra Gibxi'ii qarqaarsa gaafatan; achiin duuba gara worra Asoorii deebi'an.
HOS 7:12 Yennaa isaan deemanu, ani tiyyoo tiyya isaanitti hin afa; akka sinbirre'ee gubba'aa gad isaan hin buusa. Marroo hujii isaanii hantu'uutiif wolde'a isaanii oddu'utti isaan hin adaba.
HOS 7:13 «Isaan na irraa waan goraneef, isaaniif aanne'e! Isaan na finqilanee natti waan ka'aneef, badiin isaanitti dhuttuu ti! Ani isaan wodiisaaf barbaade; isaan ammoo dhara na irratti dubbatan.
HOS 7:14 Isaan taqee ifii irratti wiiccifatan malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin iyyanu; isaan midhaanii fi daadhii woyni'iitiif wolitti dacha'an; na irraa ammoo hin fagaatan.
HOS 7:15 Ani leenjii isaaniif kennee, isaan jabeessulle, isaan ammoo na irratti mala hamaa dhowan.
HOS 7:16 Isaan gara waan bu'aa hin qannee deebi'ane; isaan akka guubee qajeelatti daaya hin darbannee ti; sooreyyiin isaanii sababa dubbii hantuu ifiitiif shallaaga'aan hin dhumatan. Waan kanaaf, worri biyya Gibxi'ii isaanitti hin murgan» jedha.
HOS 8:1 Mootiin Waan Maraa, «Tultullaa afaanitti keyadhu! Kolbaan tiyya gondooroo tiyya cassitee, seera kiyyalle waan mormiteef, diinni akka risa'aa kolbaa tiyya gubbaa mara.
HOS 8:2 Israa'el, ‹Ee, Waaqa keenna, nuuti si beenna!› jettee gara kiyya iyyiti.
HOS 8:3 Ammoo waan dansaa jibbiteerti; diinni isii hin ari'a.
HOS 8:4 «Isaan eeyyama kiyya malee mootota moosifataneeran; adoo na hin gaafatin qondaaltota filataneeran. Lafa irraa badiisaaf, meeti'ii fi worqii ifiitiin waaqota dharaa ifumaaf hujataneeran.
HOS 8:5 Ee worra Samaariya'aa, waaqa dharaa keessan ka jabbii fakkaatu gata'a. Aariin tiyya worra waan kana godhu irratti hin bobeetti; isaan haga yoomii qulqullummaa dhaban ree?
HOS 8:6 Israa'el keessatti, waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana nama hujii harkaa beeku tokkotti huje malee, wonni Waaqaa moti; waaqi Samaariya'aa ka jabbii fakkaatu sun caccabee hin bututa.
HOS 8:7 Isaan qilleensa facaafatanee, hobonbolattii haammatan. Midhaan fichaa isaanii mataa hin qabu; midhaanille hin buusu; yoo midhaan buuselle ormatti nyaata.
HOS 8:8 Kolbaan Israa'elii liqinfanteerti; gosa biyya adda addaa oddu'utti meya bu'aan hin qanne teeteerti.
HOS 8:9 Isaan akka harree diidaa qofi joonjanee, gara worra Asoorii dhaqane; kolbaan Efreemii gatii kaffaltee jaalota godhatte.
HOS 8:10 Isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti gatii kaffalanee jaalota godhatanulle, ani amma wolitti isaan qabee isaan hin adaba; cunqursaa mootota hunnaameyyi'ii jalatti dadhabaa, dadhabaa hin ideeman.
HOS 8:11 «Kolbaan Israa'elii ciincaa sababa cubbu'uutiif addee ciinca'aa bacaa hujjulle, addeen ciinca'aa sun addee cubbuu itti hujanu teete.
HOS 8:12 Ani waan seera kiyya keessaa hedduu isaaniif barreesse; isaan ammoo waan san akka alaga'aatitti laakkowane.
HOS 8:13 Isaan kennansa ciinca'aa naaf dhikeessan; foon ciinca'aa hin nyaatan. Ani Mootiin Waan Maraa ammoo isaanitti hin gammanne. Ani amma hammeenna isaanii hin qaabadha; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba; isaanille gara biyya Gibxi'ii hin deebi'an.
HOS 8:14 «Israa'el ka isii dade deetee, mana mootumma'aa ijaarratte; kolbaan Yihuda'aalle qachoota dalleya dhaka'aa qabu hedduu ijaarratte. Ani ammoo ibidda qachoota isaaniititti hin erga; ibiddi sunille kushee isaanii hin fixa» jedha.
HOS 9:1 Ee Israa'el, ati Waaqa keeti irratti akka sagaagaltu'uu teeteerta; addee eeddumme'ee maratti gatii sagaagaltootaa waan jaalatteef, hin firinxiixin; akka gosi biyya adda addaa ilillittu hin ilillisin.
HOS 9:2 Eeddummee keessatti midhaan, addee woynii itti cunfanu keessalle'etti woyniin hin dhaggantu; daadhiin woyni'ii haarettille hin jiraattu.
HOS 9:3 Isaan lafa Mootii Waan Maraa keessa hin turanu; kolbaan Efreemii gara biyya Gibxi'ii hin deebiti; biyya Asoorii keessalle'etti sagalee aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in hin nyaatti.
HOS 9:4 Isaan dhibaayyuu daadhii woyni'ii Mootii Waan Maraatiif hin dhibaasanu; ciincaan isaanii isa hin gammachiittu; ciincaan akkasii sun isaaniif akka sagalee haqaqo'oo ti; ka sagalee san nyaatu marti batticha hin te'a; sagaleen tun isaanuma qofaaf hin teeti; Galma Waaqaa keessatti ciincaa te'iisa hin dandeettu.
HOS 9:5 Guyyaa jila teessan ta beekkantee irratti, guyyaa jila Mootii Waan Maraa irratti, maan godhu'uu jirtan ree?
HOS 9:6 Isaan badii jalaa bayanelle, Gibxi isaan wolitti hin qaddi; qachaa Memfiisiititti hin awwaalaman. Qabeenna isaanii ka meeti'ii raaqi irra hin dacha'a; dunkaanii isaaniille qoreettiin irra hin yaati.
HOS 9:7 Guyyaan adabbi'ii dhufeera; guyyaan mura'aa dhikaateera; Israa'el tana beettuu ti. Cubbuun teessan bacaa, yakkaan teessanille guddoo waan teeteef, raagichi akka gowwa'aa, nami ayyaana Waaqaatiin guutame akka maraata'aa laakkowameera.
HOS 9:8 Raagichi, Waaqa kiyya woliin nama kolbaa Efreemii eegu; te'uu malee karaa isaa mara irratti tiyyoon, mana Waaqa isaa keessalle'etti diinummaan isa eeddi.
HOS 9:9 Akkuma bara qachaa Giibe'aatitti te'e, isaan battummaa keessa lixane; Waaqi hammeenna isaanii hin qaabata; cubbuu isaaniitiif isaan hin adaba.
HOS 9:10 Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa Israa'el dhagge, akka nama goomolee keessatti unkuruura woyni'ii dhaggee ti; ani yennaa abbootii teessan dhagge, akka nama midhaan qaraa muka harru'uu irratti dhaggee ti. Isaan ammoo yennaa gara Ba'aal Phe'orii dhufane, waaqa dharaa fokkisiisaa saniif adda ifi baasane; akkuma waaqa dharaa ka jaalatanuu san battoolee te'ane.
HOS 9:11 Ulfinni Efreemii akka sinbirre'ee ka'ee hin bada; deyiis, ulfoyiis, gadha'atti hafiis hin jiraattu.
HOS 9:12 Isaan yoo ijoollee guddifatanelle, ijoolleen isaanii tokkolle adoo hin hafin hin dhumatan. Yennaa ani isaan biraa deeme isaaniif aanne'e!
HOS 9:13 Ani kolbaa Efreemii akka qachaa Xiiroosii addee dansaa jiranuun dhagge. Amma ammoo kolbaan Efreemii ijoollee ifii worra qaluuf dhikeessite» jedha.
HOS 9:14 Ee Mootii Waan Maraa, isaaniif kenni! Ati maan isaaniif kennita? Gadaamessa ulfi irraa bayuu fi harma gogaa isaaniif kenni.
HOS 9:15 Mootiin Waan Maraa, «Sababa hammeenna isaanii ka Giilgal keessaatiif, ani achitti isaan jibbe; sababa hujii cubbittii isaaniitiif, ani mana kiyya keessaa oofee isaan hin baasa. Ani haganaa achi isaan hin jaaladhu; sooressitooti isaanii marti finqiltoota.
HOS 9:16 Kolbaan Efreemii dhowante; hiddi isaanii goge; isaan midhaanille hin buusanu. Isaan yoo ijoollee uumatanelle, ani ijoollee isaan jaalatanu isaan duraa hin ijjeesa» jedha.
HOS 9:17 Waan isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqi kiyya isaan hin gata. Isaan gosa biyya adda addaa odduu worra daaqu hin te'an.
HOS 10:1 Kolbaan Israa'elii akka muka woyni'ii ka banqaaqee, midhaan bacaa buusuu ti; isaan akkuma bacatane, addee ciinca'aa bacaa ijaarratane; akkuma latti isaanii tolte, soodduu woyyittii waaqa dharaalle seesanee hujane.
HOS 10:2 Gadhaan isaanii sobaan guutameera; amma isaan yakkaa ifiitiif adabbii fudhatuu qaban. Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa ta isaanii hin caccassa; soodduu woyyittii waaqa dharaa ta isaaniille hin balleessa.
HOS 10:3 Achiin duuba isaan, «Nuuti Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenniisa waan dhanneef, mootii hin qannu; ammoo mootii adoo qabaannelle'ee maan nuu godhuu dande'a?» hin jedhan.
HOS 10:4 Isaan waadaa hedduu galaa, kakuu dharaa kakataa, wolii galtee godhatan. Tanaaf, akkuma shuqunaan hadhaa ifi keessaa qaddu fichaa keessatti bacattee lattu, muraa isaan kennanu irratti moromaan hin bacatti.
HOS 10:5 Worri qachaa Samaariya'aa keessa le'u waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu ka Bet-Aweenii hin sodaatan; isaafille hin bowan. Waaqi dharaa ka isaan ulfinna isaatiif firinxiixanu waan isaan duraa booji'ameef, hayyooti isaa, isaaf wiiccifatanee hin bowan.
HOS 10:6 Waaqi dharaa ka jabbii fakkaatu sun gara biyya Asoorii geeffamee, mootii guddichaaf kennansa te'ee hin dhikaata. Kolbaan Efreemii hin salphatti; sababa waaqa dharaatiif hin fokkifatti.
HOS 10:7 Samaariya'aa fi mootiin isi'ii akka hoomacha bisaan irraa hin badan.
HOS 10:8 Addeen waaqonfanna'aa ta Bet-Aweenii, addeen Israa'el waaqota dharaa waaqonfatiisaan cubbuu itti hujju hin baddi; addee ciinca'aa ta isaanii san irratti qore'ee fi qumi'uuduun lattee hin golliti. Achiin duuba isaan gaarotaan, «Nu golla'a», koobotalle'een, «Nu irratti jiga'a» hin jedhan.
HOS 10:9 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, bara qachaa Giibe'aatii jalqaddanee cubbuu hujjane; achumatti itti jabaattane. Worra waan hantuu huju ka Giibe'aa keessaa lolli hin findhee ree?
HOS 10:10 Ani yennaa fedhe isaan hin adaba; marroo cubbuu dacha'aan hujanuuf, isaan adabiisaaf, gosi biyya adda addaa wolitti qabamanee isaan irratti hin ka'an.
HOS 10:11 «Kolbaan Efreemii akka goronsa leenjifamee, midhaan dhowiisa jaalatuu ti; maarre ani morma kolbaa Efreemii dansaa san irra waanjoo keyee hin oofa. Yihudaan lafa qotuu qaba; Yaaqoobille lafa laaffisuu qaba.
HOS 10:12 Ani, ‹Yennaan tun yennaa isin ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu waan teeteef, haga ani dhufee balchummaa isin irratti dhangalaasutti, ifumaaf balchummaa facaafadha'a; midhaan jaalala bara baraa haammadha'a; lafa hin qotamin qota'a› jedhe.
HOS 10:13 Isin ammoo hammeenna facaafattanee, waan hantuu haammattane; midhaan dhara teessanii nyaattane. Hunna teessanii fi bacinna jannoota teessanii waan addattaneef,
HOS 10:14 akkuma mootichi Shalmaan guyyaa lolaa qachaa Bet-Arbelii balleesse, haadha ijoollee isi'ii woliin lafa irratti macalaasee, lolli kolbaa teeti irratti hin ka'a; kusheen teessan martille hin baddi.
HOS 10:15 Ee kolbaa qachaa Bet'elii, hammeenni keessan guddaa waan te'eef, isin irralle'etti akkasuma hin teeti. Guyyaan sun yennaa geye mootiin Israa'elii ijjumaa hin bada.
HOS 11:1 «Yennaa Israa'el ijoolle'ee, ani isa jaaladhe; biyya Gibxi'ii keessalle'ee ilma kiyya waame.
HOS 11:2 Irra caalaa ammoo ani kolbaa Israa'elii waame; irra caalaa isaan na irraa fagaatane. Isaan waaqa dharaa Ba'aaliif ciincaa dhikeessanee, fakki'iifille hixaana aarsane.
HOS 11:3 Harka kolbaa Efreemii qabee daaddisee, deemiisa ka barsiise ana; isaan ammoo ka isaan fayyise ana akka te'e hin beenne.
HOS 11:4 Ani wodaroo gadhi-laafummaa namaatiin, hidhaansa jaalalaatille'een isaan harkise; waanjoo morma isaanii irraa fuudhee gad jedhee isaan areere.
HOS 11:5 «Isaan gara kiyya deebi'uu waan didaneef, gara biyya Gibxi'ii hin deebi'anuu ree? Worri Asoorii isaan hin bulchuu ree?
HOS 11:6 Shallaagaan qachoota isaanii keessa hin balaqqitti; danqaraa karra dalleya isaanii kukkuttee karoora isaanii hin balleessiti.
HOS 11:7 Kolbaan tiyya na irraa fagaatiisaaf murteeffatte; isaan Waaqa Ol Aanaa yoo waammatanelle, ani karuma te'e maraanuu isaan ol hin qabu.
HOS 11:8 «Ee Efreem, ani attam si lakkisuu dande'a ree? Ee Israa'el, ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree? Akka qachaa Aadimaa ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree? Yookiin akka qachaa Zebo'iimii ani attam si godhuu dande'a ree? Gadhaan kiyya raafame; Marartiin tiyya marti kakkaateerti.
HOS 11:9 Ani aarii tiyya ta bobeettu gad hin lakkisu; deebi'ee Efreem hin balleessu; ani Waaqa Woyyicha odduu teessan jiru malee, namaa moti; ani mufi'iin gara keessan hin dhufu.
HOS 11:10 «Isaan ana Mootii Waan Maraa hin hordofan; anille akka neenqaa dhangaa hin dhowa. Yennaa ani dhangaa dhowu, ijoolleen tiyya hollataa karaa aduun seentu irraa hin dhufan.
HOS 11:11 «Isaan hollataa akka sinbirrootaa biyya Gibxi'ii irraa, akka saphaliisaa biyya Asoorii irraa hin dhufan. Anille mana isaaniititti isaan hin qubachiisa;
HOS 11:12 «Efreem dharaan, kolbaan Israa'elii sobaan na marsite; Yihudaalle ana Waaqa Woyyicha addatamaa irratti ka'e.
HOS 12:1 «Kolbaan Efreemii qilleensa tissiti; qilleensa karaa aduun baatuu ari'aa oolti; dharaa fi hunnaan nama irratti ka'iisa baceessiti; Asoor woliin wolii galtee gooti; gara biyya Gibxi'iille zayitii ejersaa ergiti» jedha.
HOS 12:2 Mootiin Waan Maraa Yihudaa irratti waan ciicatu qaba; akka ideensa isaatitti Yaaqoob hin adaba; akka hujii isaatitti gatii isaaf hin kaffala.
HOS 12:3 Inni gadaamessa haadha ifii keessatti jimuu obboleessa ifii qabe; yennaa nama guddaa te'elle Waaqa woliin wodhaantoo qabate.
HOS 12:4 Ergamaa Waaqaa woliin wodhaantoo qabatee injifate; inni bowee akka fudhatama dhaggatu kadhate; Waaqi Bet'elitti itti mudhatee, achitti isa woliin dubbate.
HOS 12:5 Mootiin Waan Maraa Waaqi waan mara Dande'u maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.
HOS 12:6 Ati ammoo gara Waaqa keetii deebi'i; jaalalaa fi haqa eegi; yennaa mara Waaqa keeti eegadhu.
HOS 12:7 Daldalaan madaallii dharaatiin gurgurata; sobiisa jaalata.
HOS 12:8 Kolbaan Efreemii, «Nuuti dureeyyi'i; dureeyyii teeneerra; karra teenna tana mara woliin eennulle yakka'aa fi cubbuu nu keessatti hin dhaggu» jettee koorti.
HOS 12:9 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase. Akkuma dur guyyaa jila beekkantuu teessanii dunkaanii keessa leetanu, ammalle dunkaanii keessa akka leetanu hin godha.
HOS 12:10 «Ani raagotatti dubbadhee, mudhii bacaa isaanitti mudhise; karaa isaaniitiin mammaassa hedduulle mammaake.
HOS 12:11 Qachaan Giil'aadii hama'aa motii? Kolbaan qachaa Giil'aadiille bu'aa hin qaddu! Isaan Giil'aad keessatti korommii ciincaa dhikeessanii motii? Addeen ciinca'aa ta isaanii akka tuulaa dhaka'aa ta fichaa qotame keessa jirtuu hin teeti» jedha.
HOS 12:12 Yaaqoob gara biyya Aaramii baqate; Israa'el niitii dhaggatiisaaf namaaf tajaajile; gatii isi'ii kaffaliisaaf hoolee tisse.
HOS 12:13 Mootiin Waan Maraa raagicha ergee kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa baase; karaa raagichaatiin isaan kunuunse.
HOS 12:14 Kolbaan Efreemii dhiiga kolbaa dhibi'ii dhangalaasiisaan akka malee Goottaa aarsite; Goottaan dhiiga dhangalaasane san mataa isaaniititti hin deebisa; tuffii isaaniitiifille gatii isaaniif hin kaffala.
HOS 13:1 Yennaa kolbaan Efreemii dubbatte, namooti hollatane; isaan Israa'el keessatti saadamane. Ammoo isaan waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan cubbuu hujanee du'ane.
HOS 13:2 Ammalle isaan waaqota dharaa ka nami hujii beeku qarumma'aan huju, meetii ifii irraa hujiisaan ittuma ede'anee cubbuu hujan; waaqoti dharaa sun martinuu hujii nama hujii harkaa beekuu ti. Isaan, «Waaqota dharaa kanaaf ciincaa dhikeessa'a» jedhan. Namooti waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana sunqatan.
HOS 13:3 Tanaaf, isaan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa bari'iin dafee bu'uu ti; akka hicaacee eeddummee keessaa qilleensi fudhatuu, akka aara karaa fodda'aatiin bayuu hin te'an.
HOS 13:4 Mootiin Waan Maraa, «Ani ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; isin ana malee Waaqa dhibii hin beettanu; ana malee fayyisaan hin jiru.
HOS 13:5 Ani goomolee keessatti, lafa o'a bobe'a keessatti isin eege.
HOS 13:6 Ani yennaa isaan areere, isaan quufane; isaan yennaa quufane, kooranee na dedhane.
HOS 13:7 Ani akka neenqaa isaanitti hin dhufa; akka qeeransaa karaa cina'atti isaan hin gaada.
HOS 13:8 Akka doobbaa ilmoolee jalaa fudhatanee, ani isaan hin dhowa; qoma isaanii cassee bana. Ani akka neenqaa isaan hin nyaadha; bineensi isaan hin bibixxila.
HOS 13:9 «Ee kolbaa Israa'elii, qarqaaraa keessan ka te'e, na irratti waan kaataneef, hin baddan.
HOS 13:10 Isin, ‹Mooti'ii fi qondaaltota nuuf kenni› jettaneertan; akka isin baasuuf, mootiin keessan meet ree? Qachoota keessan mara keessa bulchitooti teessan meet ree?
HOS 13:11 Maarre ani aarii tiyyaan mootii isiniif kennee, mufii tiyyaan achii isa balleesse.
HOS 13:12 «Yakkaan Efreemii kuufanteerti; cubbuun isaa galmeeffanteerti.
HOS 13:13 Akka dubartii deettuu ciniinsuun itti dhutti; inni ammoo mucaa qaro'oo moti. Guyyaan inni dhalatu yennaa gewu, gadaamessa keessaa hin baane.
HOS 13:14 Ani hunna addee worri du'e jiruu jalaa isaan hin baasuu ree? Du'a jalalle'ee isaan hin woduu ree? Ee du'a! Balaan keeti meet ree? Ee addee worri du'e jiru! Badiin teeti ta ati fiddu meet ree? Ani haganaa achi kolbaa tana hin mararu.
HOS 13:15 Efreem obboleeyyan ifii oddu'utti midhaan yoo baaselle, qilleensi karaa aduun baatuu, Mootii Waan Maraa biraa, goomolee keessaa ka'ee hin dhufa; maddi hin maddu; baleessi hin goga; wonni gatii qabu marti mana kuusa'aa keessaa hin saamanti.
HOS 13:16 Kolbaan Samaariya'aa Waaqa ifii irratti waan kaateef, yakkaa ifiitiif adabamuu qaddi; isaan shallaaga'aan hin du'an; daa'immaan isaanii lafatti dhowanee hin macalaasan; dubartoota isaanii ta ulfaalle gadhaa isaanii hin baqassan» jedha.
HOS 14:1 Ee kolbaa Israa'elii, cubbuun teessan waan isin gufachiitteef, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebi'a'a.
HOS 14:2 Jechoota kana isaan jedhiisaaf, fudhadha'aatii gara Mootii Waan Maraa deebi'a'a'a: «Cubbuu teenna mara nuu araaram! Galata dansaa afaan keennaa akka dhikeessinu, mararti'iin nu fudhadhu.
HOS 14:3 Asoor nu baasuu hin dande'u; fardoo lolaa irra hin teennu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne si'iin marartii waan dhaggattuuf, nuuti ijjumaa deebinee waan harki keenna hujeen, ‹Waaqota keenna› hin jennu» jedha'aan.
HOS 14:4 Mootiin Waan Maraa, «Ani dhukkuba na irraa isaan fageessu irraa isaan hin fayyisa; aariin tiyya isaan irraa waan deebiteef, ani akkasumaan isaan hin jaaladha.
HOS 14:5 Ani Israa'eliif akka tiifu'uu hin te'a. Isaan akka daraara'aa hin baqan; akka hindheensa Libaanonii hidda gad hin naqatan.
HOS 14:6 Isaan quunxoo haareya hin baasan. Akka muka ejersaa hin miidhagan; fooleen isaanii akka hindheensa Libaanonii hin teeti.
HOS 14:7 Isaan deebi'anee gaaddisa kiyya jala hin boqatan. Akka midhaanii hin latan; akka muka woyni'ii hin daraaran; akka daadhii woynii biyya Libaanonii gurra hin horatan.
HOS 14:8 Ee kolbaan Efreemii, waaqota dharaa biraa ani maan qaba ree? Ka deebii isiniif kennu, ka isin kunuunsu ana. Ani akka muka yennaa mara bisiluu ti; eebbifam keessan na biraa dhufa» jedha.
HOS 14:9 Nami qaroon waan kana hin hubata; nami woy hubatu waan kana hin qalbeeffata; karaan Mootii Waan Maraa qajeela'a; balchooleen irra ideeman; finqiltooti ammoo keessatti gufatan.
JOE 1:1 Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Yo'elii ilma Phetu'elii dhufe kana:
JOE 1:2 Isin jaarsoleen dhage'a'a! Worri Yihudaa keessa jirtanu dhage'a'a! Wonni akkasii kun bara keessan keessatti, yookiin bara abbootii teessanii keessatti teetee beettii?
JOE 1:3 Waan kana ijoollee teessanitti hima'a; ijoolleen teessanille ijoollee ifiititti, ijoolleen isaaniille dhaloota dhufutti himanuu ti!
JOE 1:4 Ka ilmoolee awwaannisa irraa hafe, awwaannisi dargageessi nyaate; ka awwaannisa dargageessa irraa hafe, awwaannisi gugurdaan nyaate; ka awwaannisa gugurdaa irraa hafe, korophiis nyaate.
JOE 1:5 Daadhiin woyni'ii waan isin irraa citteef, isin worri machoottanu, dammaqa'aatii bowa'a! Isinille worri daadhii woyni'ii untanu, wiiccifadha'aa bowa'a!
JOE 1:6 Kolbaan hunnaameyyiin bandallaan biyya tiyya tinteerti; ilkaan isaanii akka ilkaan neenqaa, a'oon isi'ii akka a'oo neenqa dhala'aa ti.
JOE 1:7 Isaan woynii tiyya balleessane; muka harru'uu kiyyalle mummurane; quncee irraa quncisanee gatanee, dameeleen addaattee hatte.
JOE 1:8 Akka intala durraa woyaa gaddaa uffattee, nami isii kadhatu waan du'eef boottuu, isinille bowa'a!
JOE 1:9 Kennaan midhaaniitii fi daadhii woyni'ii Galma Mootii Waan Maraa irraa citte; tanaaf hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu wiiccifatanee bowan.
JOE 1:10 Fichaan duwwaa hafeera; midhaan badeera; muki woyni'ii gogeera; muki ejersaalle qooreera; tanaaf latti hin bootti.
JOE 1:11 Qamadi'ii fi garbuun, midhaan galfamu martinuu waan badeef, isin qonnaan bultooti gadda'a! Isin worri woynii dhaabulle bowa'a!
JOE 1:12 Muki woyni'iitii fi harru'uu qooreera; muki rumaani'ii, muki meexxi'iitii fi appilii, muki ficha'aa duudiin gogeera; gammadi ilmaan namaa badeera.
JOE 1:13 Kennaan midhaaniitii fi daadhii woyni'ii ta Galma Waaqa keessaniitiif dhikeessitanu waan hin jirreef, isin hayyooti woyaa gaddaa uffadha'aatii bowa'a! Isin worri addee ciinca'aatitti tajaajiltanu, wiiccifadha'a! Isin hayyooti Waaqa kiyya tajaajiltanu woyaa gaddaa uffadha'aatii halkan duudii bowa'a!
JOE 1:14 Laamaa woyyicha lassa'a! Yaa'ii woyyittii waama'a! Jaarsole'ee fi worra biyya san le'anu mara, Galma Mootii Waan Maraa Waaqaa keessaniititti wolitti qaba'a! Gara Mootii Waan Maraalle iyya'a!
JOE 1:15 Aanne'e! Guyyaan Mootii Waan Maraa dhikaateera! Waaqi waan mara dande'u guyyaan inni badii fidu dhikaateera.
JOE 1:16 Sagaleen ila teenna duraa, gammadii fi ililleessi Galma Waaqa keennaa keessaa, ijjumaa badeera.
JOE 1:17 Sanyiin facaafante biyyee jalatti korondhatteerti. Midhaan waan badeef, manni kuusaa duwweera; gootaraalle diigameera.
JOE 1:18 Loon marra waan dhabaneef, madhataa asii achi yaa'an; hoolotille rakkatiissatti jiran.
JOE 1:19 Ee Mootii Waan Maraa! Marra diidaa ibiddi waan fixeef, muka badda'aalle ibiddi waan gubeef, ani gara keeti iyya.
JOE 1:20 Maddi bisaanii isaan irraa waan gogeef, marri diidaa isaan irraa waan gubateef, bineensinuu gara keeti iyya.
JOE 2:1 Xiyoonitti tultullaa afuufa'a! Gaara Xiyoonii woyyicha irratti qoonqoo dammassitu dhageessisa'a! Guyyaan Mootii Waan Maraa ariifatee waan dhufaaruuf, worri lafa san le'u marti hollatuu ti!
JOE 2:2 Guyyaan sun guyyaa dukkanaatii fi dimimmisaa, guyyaa duumensaatii fi dukkana duuddu'uu ti; akka boruun dayya'ee gaara irra babadhatu, awwaannisi baca'aa fi hunnaamessi lafa guuta. Wonni waan kana fakkaatu tanaan dura hin teene, haganaa achille ijjumaa hin teetu.
JOE 2:3 Dura isaaniitiin ibiddi gubaa deema; duuba isaaniille'een bobe'i gubaa deema; latti isaan bira hin geyin, oorruu Edenii fakkaatti; latti isaan bira dabarane ammoo, goomolee duwwaa fakkaatti; wonni isaan jalaa miliqu tokkolle hin jiru.
JOE 2:4 Isaan farda fakkaatan; akka farda lolaa gulufan.
JOE 2:5 Akka garreettaa fardaa hididdisaa, gaarota gubbaa utaalan; akka ibidda huura gubuu, waan mara guban; akka loltoota jajjaboo lolaaf qophowanee, gogeessaan yaa'an.
JOE 2:6 Yennaa isaan dhaggite, kolbaan hin bararaxxi; fuulli namaa soda'aan shankallowa.
JOE 2:7 Akka duultotaa lolan; akka loltootaa dalleya yaabanee dabaran; tarre'een gara duraa yaa'an; gara ifii yaa'anu irraa hin goranu.
JOE 2:8 Tokko tokkoon isaanii, tarre'een gara duraa yaa'an; woraanaa fi guubee diinaa caccassanee dabaran; wonni isaan dhooggu hin jiru.
JOE 2:9 Gara qacha'aa timan; dalleya qacha'aa irra fiigan; utaalaa mana yaaban; akka hattu'uu fodda'aan seenan.
JOE 2:10 Latti isaan duratti hin tachooti; gubbaalle hin raafanti. Adu'uu fi jiin dukkanowan; urjootille ifiisa hin lakkisan.
JOE 2:11 Mootiin Waan Maraa qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu loltoota ifii irratti dhageessisa; loltooti isaa attam attam heddu'u! Worri isaaf ajajamu bandalla'a; dhugumaan guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'a; guddoo sodaachisaa waan te'eef, guyyaa san eentu dande'ee dhaabbata?
JOE 2:12 Mootiin Waan Maraa, «Ammumaayyuu, gadhaa keessan tokkochaan, laamaan, bowaa fi gaddaan gara kiyya deebi'a'a!» jedha.
JOE 2:13 Gadda keessan mudhisiisaaf, woyaa teessan tarsaasiis hin gewu; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arjaa, mararaa, mufi'iif ka hin ariifanne, ka jaalala bara baraa guddaa qabu, adabiisaafille ka hin ariifanne, waan te'eef, gara isaa deebi'a'a!
JOE 2:14 Akka wotoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mufii irraa deebi'ee, eebba ifii isiniif hin kenna fa'a. Isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif, kennaa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii hin dhikeessitan.
JOE 2:15 Xiyoon keessatti tultullaa afuufa'a! Laama woyyicha lassa'a! Yaa'ii woyyittii waama'a!
JOE 2:16 Kolbaa wolitti qaba'aatii, yaa'ii woyyitti'iif qopheessa'a; jaarsolee waama'a; ijoolle'ee fi daa'immaan harmaalle wolitti qaba'a; waajibootinuu kolloo ifii lakkisanuu ti.
JOE 2:17 Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu, seensuma Galma Waaqaatii fi addee ciinca'aa wodhakka'atti bowanuu ti. Isaan, «Mootii Waan Maraa, kolbaa teeti marari; gosi dhibiin, ‹Waaqi keessan meet?› jedhiisaan, akka nu tuffatanuu fi qaanessanu hin godhin» jedhanuu ti.
JOE 2:18 Mootiin Waan Maraa lafa ifiitiif hinaafee, kolbaa ifiille marare.
JOE 2:19 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif deebisee, «Kunoo, ani midhaan, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa, haga quuttanutti isiniif hin kenna; ani haganaa achi, gosa biyya adda addaa oddu'utti akka qaanottanu hin godhu.
JOE 2:20 Awwaannisa gara kaabaatii isinitti dhufe isin irraa fageessa; gara goomole'eetii fi gara lafa urmaa isin irraa hin oofa; ka dura yaa'u gara abbaayaa baya adu'uu, ka duuba yaa'u gara abbaayaa seensa adu'uu hin oofa. Achitti reeffi isaanii shamee hin ajowa. Dhugumaan ani Mootiin Waan Maraa waan guddoo isiniif godheera.
JOE 2:21 «Ee lafa, hin sodaatin. ani Waaqi waan guddoo waan sii godheef, gammadii firinxiix!
JOE 2:22 Isinille bineensota hin sodaatina'a; marri itti bobbaatanu bisilee te'eera. Mukille midhaan buuseera; muki Harru'uutii fi muki woyni'ii midhaan bacaa buuseera.
JOE 2:23 «Isin kolbaa Xiyoonii! Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniin gammada'aatii firinxiixa'a; inni yenna'aan, akkuma durii bokkeya dansaa ka duraatii fi duubaa isiniif kenneera.
JOE 2:24 Eeddummeen midhaaniin ta guutante hin teeti; daadhiin woyni'iitii fi zayitiin ejersaa addee itti cunfantu guuttee irraan dhangalaati.
JOE 2:25 Bara heddu'uuf akka loltoota guddo'oo ka ani isinitti ergee, midhaan awwaannisi gugurdaan, korophiis, ilmooleen awwaannisaatii fi awwaannisi dargaggeeyyiin isin irraa fixane ani isiniif hin deebisa.
JOE 2:26 Nyaattanee hin quuttan; ka waan baasaa hedduu isinii godhe ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hin leellifattan; isin kolbaan tiyya haganaa achi hin qaanottanu.
JOE 2:27 Kolbaa tiyya! Ani akka odduu teessan jiru, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'ee fi ana malee Mootiin Waan Maraa dhibiin akka hin jirre hin beettan. Haganaa achi kolbaan tiyya deebitee hin qaanottu» jedhe.
JOE 2:28 Ani Mootiin Waan Maraa, «Kanaan duuba, Ayyaana kiyya nama mara irratti hin dhangalaasa; ilmaanii fi ijoolleen durraa teessan raaga hin dubbatan; jaarsoleelle oojjuu hin oojjatan; dargaggootille mudhii hin dhaggan.
JOE 2:29 Yennaa san, ani tajaajiltoota tiyya dhiiraa fi dubartii irratti Ayyaana kiyya hin dhangalaasa.
JOE 2:30 «Gubba'aa fi lafa irratti, waan baasaa, dhiigaa fi ibidda, duumensa aaraalle hin mudhisa.
JOE 2:31 Guyyaan Mootii Waan Maraa gudda'aa fi sodaachisaan adoo hin dhufiniin dura, aduun hin dukkanootti; jiin dhiiga hin uffata.
JOE 2:32 Worri maqaa Mootii Waan Maraa waamu marti hin fayya; akkuma ani Mootiin Waan Maraa jedhe, worri ani waame gaara Xiyoonii irratti, Yerusaalem keessalle'etti hafee hin fayya» jedhe.
JOE 3:1 Mootiin Waan Maraa, «Bara sanii fi yennaa sanitti, boojuu Yihuda'aatii fi Yerusaalemii yennaa deebisu,
JOE 3:2 gosa biyya adda addaa mara wolitti qabee, dhooqa Yoshaafaaxiititti hin geessa; sababa isaan kolbaa tiyya Israa'el biyya ormaatitti bittinneessanee, lafa tiyya qoqoodataneef, achitti isaanitti mura.
JOE 3:3 Kolbaa tiyya ta booji'ante qoodamiisaaf, hixaa buufataneeran; ilmaan dhiiraa dubartii woliin sagaagalaneef gatii kennanee, ijoollee durraa daadhii woyni'iititti gurguratanee ittiin unane.
JOE 3:4 «Isin worri Xiiroosii fi Sidoonii, adaala Filisxeemotaa keessa worri jirtanu maraayyuu, maan ana irraa qaddan? Ana haluu bayiisaaf teetanii? Yoo akkas teetanu te'e, ani hujii teessan ariifadhee mataa keessanitti hin deebisa.
JOE 3:5 Meeti'ii fi worqii tiyya, akkasuma meya kiyya ka gatii guddoo qabu fudhattanee galma keessan keessa keyattaneertan.
JOE 3:6 Namoota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii biyyaa isaanii irraa fageessiisaaf, worra Giriikootaatitti gurgurtaneertan.
JOE 3:7 Amma ani addee isin isaan itti gurgurtane san lakkisanee akka ka'anu isaan hin godha. Waan isin isaan gootane, anille isin hin godha.
JOE 3:8 Ani ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa namoota Yihuda'aatitti akka gurguramanu hin godha; isaanille dabarsanee namoota Saaba'aa, ka biyya fago'ootitti isaan hin gurguratan.
JOE 3:9 «Lassii tana gosa biyya adda addaatitti lassa'a; lolaaf qophowa'a; loltoota kakkaasa'a; loltooti teessan martinuu as dhikaatanee lolanuu ti.
JOE 3:10 Qottoo teessan shallaagaa, haantuu teessan eboo tunsiifadha'a; nami dadhabaalle, ‹Ani jaba'a› jedhuu ti.
JOE 3:11 Isin gosi biyya adda addaa duudiin, dafa'aa baya'aatii, dhooqatti wolitti dacha'a'a!» jedha. Ee Mootii Waan Maraa loltoota teeti gad ergi.
JOE 3:12 Gosi biyya adda addaa martinuu ka'anee, gara dhooqa Yoshaafaaxii dhaqanuu ti; ani Mootiin Waan Maraa, gosa biyya adda addaa ta adaala saniititti muriisaaf, achi hin tee'a.
JOE 3:13 Hammeenni isaanii guddoo bacateera; akka midhaan geye haantu'uun haamanu isaan haama'a; akka unkuruura woyni'ii addee itti cunfanutti guutanee dhiitanu dhiita'a!
JOE 3:14 Guyyaan Mootiin Waan Maraa dhooqa mura'aa keessatti muru dhikaateera; tanaaf gumiin bindillaan dhooqa mura'aa keessatti wolitti qabanteerti.
JOE 3:15 Adu'uu fi ji'i hin dukkanowan; urjootille ifa hin kennanu.
JOE 3:16 Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessaa akka neenqaa dhangaa dhowa; Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a; gubba'aa fi latti hin raafaman; Mootiin Waan Maraa ammoo kolbaa ifii Israa'eliif, addee itti baqatanu kushee hin te'a;
JOE 3:17 Tanaaf kolbaa isaatiin, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, Waaqa keessan akka te'e hin beettan; Gaara woyyicha kiyya Xiyoon irra hin le'a; Yerusaalemille qachaa woyyicha hin teeti; ormi deebi'ee ijjumaa isii hin qabatu.
JOE 3:18 «Guyyaa sanitti gaarri duudiin muka woyni'ii hin uffata; kooba irratti loon aanan mirganu hin dhaggaman; lagi Yihudaa keessa jiru duudiin bisaaniin guutama; Galma Waaqaa keessaa bisaan hin burqa; dhooqa muka gololchaa hin obaasa.
JOE 3:19 «Sababa namooti Gibxi'iitii fi namooti Edoomii Yihudaa irratti hammeennaan ka'anee, biyya isaanii keessatti dhiiga nama balleessaa hin qannee dhangalaasaneef, biyyi Gibxi'ii goomolee hin teeti; Edoomille goomolee ona hin teeti.
JOE 3:20 Ammoo biyya Yihuda'aa keessa kolbaan haga bara baraa hin leeti; Yerusaalem keessalle dhalootaa haga dhalootaatitti hin leeti;
JOE 3:21 Haluu dur namoota Yihuda'aatii fi namoota Yerusaalemiitiif hin baasin ture, amma hin baasaaf. Ani Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irra hin le'a» jedheera.
AMO 1:1 Bara Uziyaan Yihudaa irratti, ilmi Yeho'aashii Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ane, tissitoota qachaa Teqo'aa keessaa tokko ka te'e Amos, tacho'iis lafaa adoo hin te'in woggaa lamaan duratti raagi inni marroo Israa'eliitiif raage ka asii gad jiru:
AMO 1:2 Inni, «Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irraa hin harqa; Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a; kaloon tissitootaa hin goddi; marri qaccee gaara Qarmelosii irraa hin qoora» jedhe.
AMO 1:3 Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Damaasqo'oo korboo ilkaan sibiilaa qaddu worra biyya Giil'aadii irra waan oofaneef, anille marroo cubbuu kolbaan Damaasqo'oo itti deddeebitee hujjeetiif, isaan hin adaba.
AMO 1:4 Maarre ani ibidda kushee jadduu Ben-Hadaadii mootichaa luxub godhu, mana mooticha Hazaa'eliititti hin erga.
AMO 1:5 Ani danqaraa karra Damaasqo'oo hin caccassa; kolbaa dhooqa Aween keessaatii fi mooticha Bet-Edeenii hin balleessa; worri Sooriya'aalle booji'amanee gara biyya Qiirii hin dhaqan» jedha.
AMO 1:6 Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Gaaza'aa kolbaa booji'ane mara worra Edoomiititti dabarsanee kenniisaan itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, ani isaan hin adaba.
AMO 1:7 Maarre ani ibidda kushee isi'ii luxub godhu dalleya dhaka'aa ka qachaa Gaaza'aatitti hin erga.
AMO 1:8 Ani worra qachaa Ashidoodii keessa le'uu fi mooticha Ashiqalonii hin balleessa. Ani worra qachaa Eqroonii keessa le'u hin adaba; worri Filiisxiyaa keessatti hafane marti hin badan» jedha.
AMO 1:9 Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Xiiroosii gondooroo obbolumma'aa diiganee, kolbaa booji'ane mara worra Edoomiititti dabarsanee kenniisaan itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, ani isaan hin adaba.
AMO 1:10 Maarre ani ibidda kushee isi'ii luxub godhu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Xiiroosiititti hin erga» jedha.
AMO 1:11 Mootiin Waan Maraa, «Worri Edoomii obboleeyyan ifii Israa'eloota, marartii malee shallaaga'aan waan ari'aneef, aariin isaanii yennaa mara isaan irratti waan bobeetteef, mufiin isaanii haga bara baraa waan teeteef, ani isaan hin adaba.
AMO 1:12 Maarre ani ibidda kushee qachaa Bozra'aa luxub godhu, qachaa Temaaniititti hin erga» jedha.
AMO 1:13 Mootiin Waan Maraa, «Worri Amoonii meessaa biyya ifii badhifatiisaaf, gadhaa dubartii ulfaa ta worra Giil'aadii baqasiisaan, itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, ani isaan hin adaba.
AMO 1:14 Maarre ani ibidda kushee isi'ii, guyyaa lolaa iyya keessa, guyyaa bokkeya bubbe'ee, qilleensa jabaa keessa luxub godhu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Raaba'aatitti hin erga.
AMO 1:15 Mootiin isi'ii, qondaaltota ifii woliin hin booji'ama» jedha.
AMO 2:1 Mootiin Waan Maraa, «Worri Mo'aabii lafee mootii Edoomii haga daadhaa teetutti gubiisaan itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, ani isaan hin adaba.
AMO 2:2 Maarre ani ibidda kushee qachaa Keriyotii luxub godhu, qachaa Mo'aabiititti hin erga; Worri Mo'aabii hogaa guddaa iyya lolaatii fi qoonqoo tultulla'aa keessa hin dhumatan.
AMO 2:3 Ani bulchaa isi'ii hin balleessa; qondaaltota isi'ii mara mootii isi'ii woliin hin ijjeesa» jedha.
AMO 2:4 Mootiin Waan Maraa, «Worri Yihuda'aa seera kiyya didanee, seerata kiyyalle waan hin eegatiniif, waaqota dhara ka abbootiin isaanii ta durii hordofatte hordofiisaan, itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, ani isaan hin adaba.
AMO 2:5 Maarre ani ibidda kushee qachaa Yerusaalemii luxub godhu, qachaa Yihuda'aatitti hin erga» jedha.
AMO 2:6 Mootiin Waan Maraa, «Worri Israa'elii worra balchoota meeti'itti, worra hiyyeeyyii kophee miilaatitti gurguratiisaan, itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef ani isaan hin adaba.
AMO 2:7 Isaan mataa worra hiyyeeyyi'ii bukuu irratti irra sirban; worra cunqurfameef muraa haqaa hin kennanu; abba'aa fi ilmi dubartii takkaa woliin sagaagaliisaan maqaa kiyya woyyicha batteessan.
AMO 2:8 Isaan addee ciinca'aa mara cinaa, woyaa worra hiyyeeyyii liqaa kaffaluu hin dandeenne irraa qabatane irra rafan. Daadhii woyni'ii ta worra adabame irraa fuudhane mana Waaqa ifii keessatti unan.
AMO 2:9 «Ani worra Amoorotaa ka akka muka hindheensaa dheeratanu, ka akka muka qilxa'aa jabaatanu san fuula isaanii duraa balleesse. Midhaan isaan irraatii fi hidda isaanii isaan jalaa balleesse.
AMO 2:10 «Ani lafa Amoorotaa isiniif kenniisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa isin baasee woggaa afurtama lafa goomole'ee keessa isin sooresse.
AMO 2:11 Ani ilmaan teessan keessaa raagota, dargaggoota teessan keessaa worra Waaqaaf adda baye isiniif kaaseera. Ee kolbaa Israa'elii tun dhugumaa motii ree?
AMO 2:12 Isin ammoo worra Waaqaaf adda baye daadhii woyni'ii akka unanu gootanee, raagotille raaga akka hin dubbanne ajajjane.
AMO 2:13 Maarre akkuma garreettaan midhaan ba'ateeru waan isa jala jiru butuchu, anille isin hin butucha.
AMO 2:14 Nami akka malee rukkisu duraa hin bayu; worri jajjabi jabeenna ifii hin dhaban; worri lolulle lubbuu ifii hamburatiisa hin dande'anu.
AMO 2:15 Worri guube'een lolu dura hin dhaabbatu; loltooti rukkisuu dande'anulle duraa hin bayanu. Abbootiin fardaalle lubbuu ifii hin hamburatanu.
AMO 2:16 Guyyaa san loltooti goototinuu qullaa hin baqatan» jedha.
AMO 3:1 Ee kolbaa Israa'elii, dubbii Mootiin Waan Maraa isin worra biyya Gibxi'ii keessaa baase maratti dubbatu tana dhage'a'a!
AMO 3:2 Inni, «Ani kolbaa biyya lafaa keessaa isin callaa filadhe; tanaaf cubbuu teessan maraaf ani isin hin adaba» jedheera.
AMO 3:3 Nami lama woliin deemiisaaf adoo wolii hin galin karaa hin deemanii?
AMO 3:4 Neenqi gongomaa keessatti waan adansee nyaatu adoo hin dhaggin dhangaa hin dhowaa? Neenqi dardarri waan tokko adoo hin qabatin mandhee ifii keessaa hin gurura'aa?
AMO 3:5 Sinbirreen fonxoroo adoo itti hin afamin lafa irratti tiyyoo keessa hin seentii?
AMO 3:6 Tultullaan lolaa qachaa keessatti yennaa afuufamu, kolbaan hin sodaattuu ree? Mootiin Waan Maraa adoo hin eeyyamin wonni hantuun qacha'atti hin dhuttii ree?
AMO 3:7 Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraa dhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisin waan tokkolle hin godhu.
AMO 3:8 Neenqa dhangaa dhowe, ka hin sodaanne eennu ree? Mootiin Waan Maraa eega itti dubbatte, ka raaga hin dubbanne eennu ree?
AMO 3:9 Kushee jajjadduu Ashidoodiitii fi kushee jajjadduu biyya Gibxi'iititti lallaba'aatii, «Gaara Samaariya'aa irratti wolitti qabama'a; hogaa isii keessaatii fi cunqursaa odduu kolbaa isi'ii jiru ilaala'a» jedha'aan.
AMO 3:10 Mootiin Waan Maraa, «Isaan waan sirrii te'e attam akka hujanu hin beekanu; waan hunnaan nama irratti ka'anee saamaneen mana ifii guutatan» jedha.
AMO 3:11 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Diinni lafa hin qabata; kushee jajjadduu teessan diigee mana keessanille hin saama» jedha.
AMO 3:12 Mootiin Waan Maraa, «Akkuma tisseen afaan neenqaa irraa lafee lukaa lama yookiin gurra ciccitaa callaa buufattu, Israa'elooti Samaariyaa keessatti qaccee taqee ifii irra, Damaasqoo keessattille taqee gaggabaadduu ifii irra tee'anu, akkasuma hin hafan» jedha.
AMO 3:13 Goottaan Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Tana dhage'a'aatii sanyii Yaaqoobii irratti dhugaa baya'a.
AMO 3:14 Guyyaa ani marroo cubbuu isaaniitiif Israa'eloota adabu, addee ciinca'aa ta Bet'elii hin diiga; gaafoti addee ciinca'aa muramanee lafa harca'an.
AMO 3:15 Ani mana isaan yennaa gannaatii fi yennaa bonaa keessa tee'anu mara hin diiga; manni ilka arbaatiin seefamee ijaarame marti hin bada; Galmi gugurdaalle barbadeeffamee bada» jedha.
AMO 4:1 Isin dubartooti akka sa'oolee Baashaanii, ta gaara Samaariya'aa irratti gabbattanee, worra hiyyeeyyii ka cunqursitanu, worra rakkataalle ka butuchitanu, abbootii worra teessaniin, «Daadhii nu'uuf fida'a!» ka jettanu, jecha kana dhage'a'a!
AMO 4:2 Goottaan Mootiin Waan Maraa woyyummaa ifiitiin kakatee, «Guyyaan isin malxaqqo'oon harkifantanu hin dhufa; worri isin keessaa hafanelle malxaqqoo qurxummi'iitiin hin harkifaman.
AMO 4:3 Tokko tokkoo keessan qowa dalleya dhaka'aa ka fuula keessan duraatiin harkisanee gara gaara Hermoonii isin hin baasan» jedha.
AMO 4:4 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, Bet'el dhaqa'aatii cubbuu huja; Giilgaliille dhaqa'aatii cubbuu baceessa'aa huja'a; guyyuma guyya'aan ciincaa, guyyaa sad saditti kudhan keessaa tokko dhikeessa'a.
AMO 4:5 Ee Israa'eloota, wonni isin godhiisaaf jaalattanu tana waan teeteef, daabboo uukoo qaddu irraa ciincaa galataa dhikeessa'a; kennansa fedhii teessaniin kennitanuun ifi jaja'aatii koora'a» jedha.
AMO 4:6 Mootiin Waan Maraa, «Qachoota gugurdaa keessan mara keessatti wonni afaaniin qaddanu akka hin dhagganne, qachaa mara keessatti sagaleen akka dhabantu ka godhe ana; isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.
AMO 4:7 Midhaan galfatiisaaf jiin sad adoo jiruu bokkeya isin irraa dhoogge; qachaa tokkotti bokkeenni akka roobu, qachaa kaanitti bokkeenni akka roobuu hin dandeenne godhe. Fichaan tokko bokkeya qaba; fichaan dhibiin bokkeya dhabee goge.
AMO 4:8 Maarre namooti bisaan barbaadatiisaaf, qachaa tokko irraa gara qachaa tokkoo joonjane; te'uu malee unanee dheebuu bawuu hin dandeenne; isin haga ammaa gara kiyya hin deebine» jedha.
AMO 4:9 Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa hedduu gugguufa'aa fi shanto'oon oorru'uu fi muka woyni'ii keessan balleesse. Muka harru'uutii fi muka ejersaa keessan awwaannisi nyaatee fixe; isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.
AMO 4:10 Ani balaa biyya Gibxi'iititti erge isin irralle'etti erge. Dargaggoota teessan shallaaga'aan ijjeesisee, fardoota teessan akka booji'amanu godhe; addee qubattanetti reeffi nama du'ee akka isinitti ajowu godhe; isin haga ammaa gara kiyya hin deebine» jedha.
AMO 4:11 Mootiin Waan Maraa, «Ani Sodoomii fi Gomoraa akkuma balleesse, isin keessalle'ee garii balleesseera. Isin keessaa gariin akka muka ibidda bobe'u keessaa butamee ti; isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.
AMO 4:12 Tanaaf, ee kolbaa Israa'elii ani akkasuma isin irratti hin godha; ani tana isin irratti waan godhuuf, ee kolbaa Israa'elii, Waaqa keessan woliin wol dhaggiisaaf qophowa'a» jedha.
AMO 4:13 Ka gaara huje, qilleensalle ka dade, ka yaada ifii namatti mudhisu, ka ganama gara dukkanaatitti jijjiiru ka gooroo lafaa irra ideemu, maqaan isaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u.
AMO 5:1 Ee kolbaa Israa'elii wolaloo gaddaa ta ani marroo teessaniif dubbadhu tana dhage'a'a:
AMO 5:2 Israa'eliin akka durraa jiddeerti; deebiteelle hin kaatu; lafuma ifii keessatti gatante; nami isii ol kaasulle hin jiru.
AMO 5:3 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Qachaan guddichi Israa'elii ka loltoota kuma duula baase, isaan keessaa loltoota dhibba qofatti isaaf hafa. Qachaan loltoota dhibba duula baase, isaan keessaa loltoota kudhan qofatti isaaf hafa» jedha.
AMO 5:4 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, «Ana barbaadadha'aatii, jiru'uun jiraadha'a!
AMO 5:5 Giilgal dhugumaan waan booji'antuuf, Bet'elille waan woy hin baaneef, Bet'el hin barbaadina'a; Giilgal hin dhaqina'a Bersheebaalle hin dhaqina'a» jedha.
AMO 5:6 Mootii Waan Maraa barbaadadha'aatii jiru'uun jiraadha'a; yoo akkas hin te'in inni kolbaa Israa'elii akka ibiddaa luxub hin godha; worra Bet'eliille ibiddi hin fixa; nami isa irraa dhaanfulle hin jiru.
AMO 5:7 Worri haqa gara hadha'aatitti jijjiirtanu, dhugaalle ka lafatti gattanu isiniif aanne'e!
AMO 5:8 Urjoota, «Torbii» jedhamanu ka dade, urjoota, «Sadee» jedhamanulle ka dade, dukkana gara ifa guyya'aa, guyyaalle dukkaneessee gara halkanii ka jijjiiru, bisaan abbaaya'aa waamee, lafa irra akka lola'u ka godhu, maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti!
AMO 5:9 Inni kushee jadduu hin bobeessa; qachaa guddaa dalleenni dhaka'aa jabaan itti ijaarame irralle'etti badii hin fida.
AMO 5:10 Isin badhinna mura'aatitti nama dhuga'aaf falmu jibbitan; nama dhugaa dubbatu tuffattan.
AMO 5:11 Isin worra hiyyeeyyii cunqursitan; hunnaan akka isaan midhaan kennanu gootan. Tanaaf, isin dhakaa bocameen mana ijaarrattanulle, achi keessa hin leetanu. Isin muka woyni'ii ka isin gammachiisu dhaabattanulle, daadhii woyni'ii irraa hin untanu.
AMO 5:12 Yakkaan teessan attam bacaa akka teetee fi cubbuun teessan attam attam guddoo akka teete ani hin beeka. Isin worra balchaa cunqursitanee, safuu irraa fudhattanee, worri hiyyeeyyiin badhinna kora mura'aatitti haqa akka hin dhagganne gootan.
AMO 5:13 Tanaaf barri hamaa waan te'eef, yennaa akkasiititti nami qalbeeffataan cadhi hin jedha.
AMO 5:14 Isin jiru'uun akka jiraattanuuf, waan dansaa malee waan hantuu hin barbaadina'a. Achiin duuba akkuma isin jettanu Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u isin woliin hin jiraata.
AMO 5:15 Waan hantuu jibba'aatii, waan dansaa jaaladha'a; badhinna kora mura'aatitti haqi akka jiraatu godha'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u kolbaa Israa'elii worra hafeef hin marara fa te'a.
AMO 5:16 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Karaa mara irratti wiiccifati bowaa, woldeennaa kara'aa mara irratti iyyi farraa hin teeti. Qonnaan bultooti bowaaf, worri boochisulle wiiccifatiisaaf hin waamaman.
AMO 5:17 Oorruu woyni'ii mara keessatti wiiccifati bowaa hin te'a; ani isin adabiisaaf odduu teessan waan dabaruuf, tun marti isin irratti hin teeti» jedha.
AMO 5:18 Isin worri guyyaa Mootii Waan Maraa halchitanu isiniif aanne'e! Isin maaf guyyaa Mootii Waan Maraa halchitan? Guyyaan sun guyyaa dukkanaa ti malee ifaa moti.
AMO 5:19 Guyyaan sun akka nama neenqa duraa adoo dheetuu doobba'atti dhufuu, yookiin isa duralle'ee bayee mana ifiititti galee dhaaba manaa yennaa qabatu dhudhuufaan idduu ti.
AMO 5:20 Guyyaan Mootii Waan Maraa sun ifa adoo hin te'in, dukkana dimma wililleettiin ifaa keessa hin jirree motii ree?
AMO 5:21 Mootiin Waan Maraa, «Ani jila teessan mara jibbee, tuffadhe; yaa'iin teessanille na hin gammachiittu.
AMO 5:22 Isin kennansa gubamuu fi kennansa midhaanii naaf dhikeessitanulle, ani hin fudhadhu. Horii gagabbaa kennansa tokkumma'aatiif dhikeessitanulle, ani hin ilaalu.
AMO 5:23 Iyya faaruu teessanii na irraa fageessa'a; ani yoyyoma kiraara guddicha keessanii hin caqasu.
AMO 5:24 Ammoo haqi akka bisaan lagaa, balchummaalle akka madda hin gonnee lolaatuu ti.
AMO 5:25 «Ee kolbaa Israa'el, woggaa afurtama goomolee keessatti isin ciinca'aa fi kennansa naaf dhikeessitaneertanii ree?
AMO 5:26 Waan ifumaaf hujjane, mootii keessan waaqa dharaa, ka, ‹Saakuut› jedhamuu fi waaqa dharaa ka fakkii urji'ii, ka ‹Kiiyoon› jedhamu ba'attan.
AMO 5:27 Tanaaf ani qachaa Damaasqo'oo irraa fagaattanee akka isin booji'antanu hin godha» jedha; maqaan isaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u.
AMO 6:1 Worri Xiyoon keessa qananumma'aan leetanu, ka bidhaa malee gaara Samaariya'aa irra teettanu, worri kolbaan Israa'elii qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keessan dhufanu, isin qondaaltoti gosa worra gosa biyya adda addaa taan ka caaltanu worri ifi seetanu isiniif aanne'e!
AMO 6:2 Gara qachaa Kaalnee dabara'aatii ilaala'a; achille'ee gara qachaa guddaa, «Haamaat» jedhamuu dhaqa'a; achiin duuba gara qachaa Filisxeemotaa gara qachaa Gaatii gad bu'a'a. Isaan mootummoota teessan lamaan hin caalanuu ree? Yookiin latti isaanii lafa teessan caalaa hin badhattuu ree?
AMO 6:3 Isin guyyaa hamaa akka fagaatu gootanee, bulchiinsa hunnaa akka dhikaatu gootan.
AMO 6:4 Isin taqee ilka arbaatiin seefante irra rattan; taqee gaggabaadduu irra balxiixxan. Hoolee keessaa foon buruusotaa, loon keessaa foon jabbi'ii nyaattan.
AMO 6:5 Isin kiraara guddicha hin qanya'aminiin sirbitan; akka Daawitiille meya faaru'uutiin faarfatiisa barbaaddan.
AMO 6:6 Isin daadhii woyni'ii okkote'een untan; fiqiree, fiqiree mara caaltu dibattan malee, badii sanyii Yoseefii irra geettuuf hin gadditanu.
AMO 6:7 Tanaaf isin worra booji'amu keessaa ka qaraa hin teetan; fexxeessi keessanii fi dalaqiis keessan hin hafan.
AMO 6:8 Goottaan Mootiin Waan Maraa, Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, ifiin kakatee, «Koora kolbaa Israa'elii jibbeera; kushee isi'iille diqadheera; tanaaf qachaa isaaniitii fi waan qachaa keessa jiru mara diinotaaf dabarsee hin kenna» jedheera.
AMO 6:9 Mana tokko keessatti nami kudhan yoo hafe, isaanille hin du'an.
AMO 6:10 Firri aanti'ii ka nama du'ee sun mana keessaa fuudhee reeffa awwaaliisaaf yoo dhufe, nama mana keessatti dhokateeruun, «Nami dhibiin si woliin jiraa?» jedhee gaafata; nami sunille, «Hin jiru» jedhee deebisa; nami fira aanti'ii sunille, «Cadhisi! Maqaa Mootii Waan Maraa dhowuu hin qannu» hin jedha.
AMO 6:11 Mootiin Waan Maraa waan ajajeef, manni gugurdaan hurbamanee hin diigaman; manni didiqqaalle bubbututee hurraa hin te'an.
AMO 6:12 Fardooleen rassaa irra hin gulufanii ree? Nami tokko qotiyyo'oon achi irra hin qotaa ree? Isin ammoo haqa gara waan hadhowuutitti, hujii balchumma'aalle gara hammeennaatitti jijjiirtane.
AMO 6:13 Isin worri qachaa, «Lodbaar» jedhamu qabatanee firinxiixxanu, ka qachaa, «Karnaayim» jedhamu jabeenna keennaan fudhanne jettanu,
AMO 6:14 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Ee kolbaa Israa'elii, ani kolbaa takka isin irratti hin kaasa; kolbaan sunille gara Kaabaatiin seensuma qachaa Haamaatii irraa jalqaddee, gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaatitti isin hin cunqursiti» jedha.
AMO 7:1 Kun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise: Midhaan mootichaa haammamee galeen duuba, haaga'een yennaa lattu Mootiin Waan Maraa awwaannisa buuse.
AMO 7:2 Awwaannisi marra lafa irraa nyaatee yennaa fixe, ani, «Ee Gootta'a Mootii Waan Maraa, maganne'e Israa'eliif araaram; Israa'el hunna waan hin qanneef, attam waan kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe.
AMO 7:3 Maarre Mootii Waan Maraa marroo waan kanaa gaabbee, «Tun hin teetu» jedhe.
AMO 7:4 Tun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise: Goottaan Mootiin Waan Maraa ibidda mura'aa waame; ibiddi sun abbaayaa qile'ee gossee lafa luxub godhe.
AMO 7:5 Achiin duuba ani, «Ee Gootta'a Mootiin Waan Maraa, ibidda kana akka dhaamu godhi; Israa'el hunna waan hin qanneef, attam ibidda kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe.
AMO 7:6 Maarre Mootiin Waan Maraa marroo waan kanaa gaabbee, «Tun hin teetu» jedhe.
AMO 7:7 Mootiin Waan Maraa mudhii dhibii natti mudhise: Kunoo Mootiin Waan Maraa tumbii qabatee, dalleya dhaka'aa ka tumbi'iin qajeelfame ijaarsa bira dhaabbateeraayyu.
AMO 7:8 Inni anaan, «Amos! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. Anille, «Tumbii dhaggiisatti jira» jedheen. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani tumbii kolbaa tiyya Israa'el odduu hin keya; haganaa achi ani adoo isaan hin adabin irra hin dabaru.
AMO 7:9 Addeen waaqonfanna'aa ta Yisihaqii hin baddi; addeen woyyittiin Israa'eliille hin diiganti; sanyii Yerobi'aamii mootichaa irratti ani shallaagaa kiyyaan hin ka'a» jedhe.
AMO 7:10 Achiin duuba hayyichi Bet'elii Amaasiyaas, gara Yerobi'aamii mootii Israa'elii ergaa ergee, «Kunoo Amos kolbaa Israa'elii oddu'utti mala si'itti dhowiisatti jira; waan inni dubbatiisa jiru latti tun ba'atiisa hin dandeettu.
AMO 7:11 Inni, ‹Yerobi'aam shallaaga'aan hin du'a; kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii booji'antee hin ideenti› jedha» jedheen.
AMO 7:12 Achiin duuba Amaasiyaas Amosiin, «Ee ati nama mudhii dhaggitu, gara biyya Yihuda'aa baqadhuu asii deemi; achitti raaga dubbataa, sagalee ittiin nyaadhu.
AMO 7:13 Bet'el addee woyyittii mootichi itti sagadu, Galma Waaqaa ka mootumma'aa waan teeteef, addee tanatti deebitee raaga hin dubbatin» jedheen.
AMO 7:14 Amosille deebisee Amaasiyaasiin, «Ani nama horii tissaa, muka harru'uulle kunuunsu malee raagichaa moti yookiin ilma raagichaalle'ee moti.
AMO 7:15 Mootiin Waan Maraa ammoo addee ani horii tissuu na fuudhee, ‹Dhaqiitii kolbaa tiyya Israa'elitti raaga dubbadhu› naan jedhe.
AMO 7:16 Ammalle ati jecha Mootii Waan Maraa dhage'i; ati, ‹Israa'el irratti raaga hin dubbatin; kolbaa Israa'elii sanyii Yisihaqiititti hin lallabin!› naan jetteerta.
AMO 7:17 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Haati manaa teeti qachaa keessatti sagaagaltittii hin teeti; ilmaan teetii fi durri teeti shallaaga'aan hin du'an. Lafa teeti wodaro'oon mikanee hin qoodaman; atille lafa worra Yihudoota hin te'inii keessatti hin duuta; kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii booji'antee hin ideenti› jedha» jedhe.
AMO 8:1 Goottaan, Mootiin Waan Maraa, mudhii dhibii natti mudhisee kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka dhagge.
AMO 8:2 Inni, «Ee Amos maan dhaggiisatti jirta?» naan jedhe; anille deebisee, «Kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka» jedheen. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan tiyya Israa'el dhumatiisa geetteerti; haganaa achi ani adoo isaan hin adabin irra hin dabaru.
AMO 8:3 Faaruun Galma Waaqaa keessaa gara bowaa hin jijjiiranitti; reeffi namaa hin bacata; addee maralle'etti hin gatama. Cadhi hin jedhan» naan jedhe.
AMO 8:4 Isin rakkataa irra worri sirbitanu, hiyyeeyyii lafa irraa worri balleessitanu, tana dhage'a'a!
AMO 8:5 Isin, «Midhaan akka gurgurannuuf, jilti baatii ji'aa yoom dabarti? Qamadii dikkoo akka geeffannuuf, waan itti safarru diqqeessinee gatii guddo'otti akka gurguranu, madaallii sobaalle'een midhaan akka gurgurannu Sanbati yoom dabara?
AMO 8:6 Silaa worra hiyyeeyyii meeti'iin, worra rakkataa kophee miilaatiin hin bitannaayyu. Qamadii huura qaddulle hin gurgurannaayyu» jettan.
AMO 8:7 Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii ka Yaaqoobiin jajatuun kakatee, «Ani hujii isaan hujane mara hin dedhu» jedheera.
AMO 8:8 Waan kanaan latti tachootee, worri isii keessa le'u marti hin bowanuu ree? Latti duudiin akka Laga Nayilii ol kaatee, akka bisaan laga Gibxi'ii ol faca'ee gad deebi'u hin teetuu ree?
AMO 8:9 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san aduun saatii jaatti akka seentu hin godha; ifa guyya'aa keessa latti akka dukkanoottu hin godha.
AMO 8:10 Jila teessan ta wogga'aa gara gaddaatitti, faaruun teessan gara bowaatitti hin jijjiira. Ani akka isin woyaa gaddaa uffattanu, mataa keessanille akka haadattanu hin godha. Akka bowa worra ilmi tokkochi qabanu irraa du'ee, dhuma guyyaa sanii ka hadhowe hin godha» jedheera.
AMO 8:11 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo barri ani lafa tana irratti beela fidu hin dhufa; beelti sun ta namooti jecha Mootii Waan Maraa dhage'iisa dhabanee beelotanu malee, beela sagale'ee yookiin dheebuu bisaaniitii moti.
AMO 8:12 Namooti jecha Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf, abbaayaa takka irraa gara abbaayaa taanii, kaaba irraa gara kibbaa hin joonjan; isaan ammoo isa hin dhagganu.
AMO 8:13 «Bara san durri shashaggoole'ee fi dhiirti dargaggooti jajjab dheebotanee hin gaggaban.
AMO 8:14 Worri waaqa dharaa ka Samaariyaa keessaatiin kakatu, yookiin ka, ‹Ee, Daan, dhugaa waaqa jiraata keetii› jedhu yookiin ka, ‹Dhugaa waaqa Bersheeba'aa› jedhu, isaan hin jigan; deebi'aneelle hin ka'anu» jedha.
AMO 9:1 Ani Goottaan addee ciinca'aa bira dhaabbateeruun dhagge; innille, «Hundeen akka raafamu guutuu utuboota Galma Waaqaa dhowiitii mataa namootaa irratti caccassi. Worra kana irraa hafane ani shallaaga'aan hin ijjeesa; isaan keessaa eennulle dande'ee hin dheetu; ka jalaa miliqu hin jiru.
AMO 9:2 Isaan qotatanee gara qilee addee worri du'e jiruulle yoo gad bu'ane, harki kiyya achi keessaa isaan hin baasa; gara ol-gubba'aa yoo bayanelle, ani achille'ee gad isaan hin buusa.
AMO 9:3 Gaara Qarmelosii gubba'atti yoo dhokatanelle, ani achi irra isaan barbaadee qabee gad isaan hin buusa. Abbaayaa jalatti yoo na dhokatanelle, achitti dhudhuufaan akka isaan iddu hin ajaja.
AMO 9:4 Booji'amanee diinota ifiitiin yoo deemanelle, achitti isaan qaliisaaf shallaagaa hin ajaja; dansa'aaf adoo hin te'in, ila hantu'uun isaan hin ilaala» jedha.
AMO 9:5 Goottaan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, lafa hin tuqa; isiin hin baxxi; worri isii irra le'u marti hin bowa; latti marti akka Laga Nayilii ol hin kaati; achiin duuba akka bisaan laga Gibxi'ii gad deebiti.
AMO 9:6 Ka mana ifii ol-gubba'atti ijaare, hundee mana sanii lafa irratti ka hundeesse, ka bisaan abbaaya'aa waamee, lafatti lolaasu maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.
AMO 9:7 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, isin naaf akkuma kolbaa Itoophiya'aatii motii ree? Ani akkuma Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase, worra Filisxeemotaa biyya Kaftorii keessaa, worra Sooriya'aalle biyya Qiirii keessaa ka baasee motii ree?.
AMO 9:8 Dhugumaan ani Goottaan Mootiin Waan Maraa ilti tiyya gara mootummaa Israa'elii cubbaaletti'ii hin ilaalti; lafa irraa isii hin balleessa; te'uu malee baraaree sanyii Yaaqoobii hin balleessu» jedha.
AMO 9:9 «Kunoo, ani ajaja hin baasa; akka midhaan meemme'een meemmessanuu, kolbaa Israa'elii gosa biyya adda addaa oddu'utti hin meemmessa; te'uu malee midhaan tokkolle meemmee keessa dabaree lafa hin bu'u.
AMO 9:10 Kolbaa tiyya keessaa worri cubbaaleyyiin, ‹Wonni hantuun nu hin dhaqqaddu yookiin nu hin geettu› jedhu marti shallaaga'aan hin du'an.
AMO 9:11 «Mootummaan Daawitii akka dunkaanii jiddee ti. Ani ammoo bara san deebisee isii ol hin kaasa; addee isiin ciccitte hin erba; waan bututtelle adde'etti deebisee ijaaree, akkuma isiin dur jirtu hin godha.
AMO 9:12 Achiin duuba Israa'el worra biyya Edoomiititti baraaree hafanee fi gosa biyya adda addaa ka maqaa kiyyaan waamamanu mara hin qabatti» jedha Mootiin Waan Maraa ka waan kana akka isiin teetu godhu.
AMO 9:13 Mootiin Waan Maraa, «Barri ka haamu haamee adoo hin fixin, ka qotu dhufu, nami woynii dhaabu dhaabee adoo hin fixin, ka woynii cunfu dhufu hin dhufa. Gaarota irraa daadhiin woyni'ii o'ituun hin coccoxxi; koobota mara irralle'ee hin lolaati.
AMO 9:14 Ani kolbaa tiyya ta booji'ante Israa'el gara lafa isaaniititti hin deebisa; isaan qachaa ifii ka diigame deebisanee ijaaratanee keessa hin le'an. Muka woyni'ii dhaabbatanee, daadhii woyni'ii irraa hin unan; oorruu adda addaa dhaabbatanee midhaan irraa hin nyaatan.
AMO 9:15 Ani kolbaa tiyya Israa'el lafa isaaniititti deebisee isaan hin dhaaba; lafa ani isaanii kenne irraa deebi'anee ijjumaa hin buqqa'anu» jedha Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan.
OBA 1:1 Mudhiin Mootiin Waan Maraa Waaqi marroo biyya Edoomii Obaadiya'atti mudhise asiin jala jirti: Ergamaan tokko gara gosa biyya adda addaa ergamee, «Ka'aa! Dhandhee, biyya Edoomii lollaa!» jedhuun ergaa Mootii Waan Maraa irraa dhagganneerra.
OBA 1:2 Ammalle Mootiin Waan Maraa Edoomiin, «Kunoo, gosa biyya adda addaa keessatti akka ati dadhaddu, ijjumaa akka tuffatantu hin godha.
OBA 1:3 Ati ka mana keeti addee ol jette gaara irratti ka ijaarratte, ka holla dhaka'aa keessa leetu, ‹Eentu lafatti gad na buusa?› ka jettu, koora keetittuu si sobe.
OBA 1:4 Ati akka risa'aa gubbaa irra yoo kaatelle, mandhee teeti urjoota oddu'utti, yoo ijaarrattelle, ani achii gad si buusa
OBA 1:5 Hattuun Yookiin saantuun halkaniin mana keeti yoo dhufane, haguma barbaadane qofa fudhatan. Worri midhaan woyni'ii guuratulle, woxoo hin lakkisa. Diinni keeti ammoo ijjuma si hin balleessa.
OBA 1:6 Isin sanyiin Esaawuu manni keessan soffameera. Karri teessan duudiille saamanteerti.
OBA 1:7 Goliin teeti si sobanee, biyya teeti keessa si ari'ane. Jaaloti teeti worri addatamane dhossa'aan tiyyoo si duratti afanee, ‹Qarummaan isaa meet› jedhane.
OBA 1:8 Guyyaa sanitti Mootiin Waan Maraa: Ani qaroolle Edoom keessaa, worra hubantii qabu gaara Esaawuu irraa hin balleessu.
OBA 1:9 Ee qachaa Temaanii! Loltooti teeti hin bararaqan; worri gaara Esaawuu irra jiranu martinuu hin ijjeefaman.
OBA 1:10 «Sanyii Obboleessa keeti Yaaqoobii hunnaan waan ijjeetteef, hin qaanotta; haga bara baraalle hin badda.
OBA 1:11 Guyyaa alagaan karra saame, worri ormaa dalleya cassee seenee Yerusaalem irratti hixaa buufate, atille akkuma worra sanii itti teetee, irraa fagaattee dhaabbatte.
OBA 1:12 Guyyaa obboleessi keeti rakkatu isatti qacifatuun, guyyaa badii kolbaa Yihuda'aa, gammaduun, guyyaa gadda isaanii geeraruun si'iif hin malle.
OBA 1:13 Guyyaa badii kolbaa tiyyaa qachaa isaanii seenuun, guyyaa badii isaanii itti qacifatuun, karra isaaniille saamuun si'iif hin malle.
OBA 1:14 Guyyaa gadda isaanii qaxxaamura kara'aa irra dhaabbattee worra baqatanee bayanu qaddee dabarsitee diinotatti kennuun, si'iif hin malle.
OBA 1:15 «Guyyaan ani Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa maratti muru dhikaateera; Edoom, akkuma ati nama irratti goote si'i irralle'etti hin godhama; hujiin teeti hantuun mataa keetitti hin deebiti.
OBA 1:16 Akkuma kolbaan tiyya gaara kiyya woyyicha irratti muduunuu rakko'oo unte, gosi biyya adda addaa marti adoo wol irraa hin kutin hin unti; irra caalaalle hin unti; akka hin jirrelle hin teeti.
OBA 1:17 Worri gariin ammoo gaara Xiyoonii irratti hin hafan, gaarri Xiyooniille woyyicha hin te'a; sanyiin Yaaqoobii ammoo worra lafa isaanii isaan irraa fudhate irraa deebifatanee hin fudhatan.
OBA 1:18 Sanyiin Yaaqoobii akka ibiddaa, sanyiin Yoseefiille akka bobe'aa te'anee, sanyii Esaawuu ta akka huuraa gubanee hin fixan; sanyii Esaawuu keessaa ka hafu tokkolle hin jiru.
OBA 1:19 Worri biyya Yihuda'aatiin gara kibbaa jiranu gaara Esaawuu, worri gaara jala jiranu ammoo biyya Filisxeemotaa hin qabatan; isaan Samaariya'aa fi lafa sanyii Efreemii hin qabatan; sanyiin Beniyaaminii ammoo Giil'aad hin qabatan.
OBA 1:20 Loltooti Israa'elii worri booji'amee Kana'aan keessa jiru haga Zaarefa'aatitti hin qabatan; worri Yerusaalemii booji'amee Safaaraad jiru qachoota biyya Yihuda'aa ka gara kibbaa jiranu hin qabatan.
OBA 1:21 Worri isaan bilisa baasu gaara Xiyoonii irratti ol bayanee gaara Esaawuu hin bulchan; yennaa san mootummaan ta Mootii Waan Maraa hin teeti» jedha.
JON 1:1 Gaafa tokko jechi Mootii Waan Maraa gara Yoonaasii ilma Amiitaayii dhufee,
JON 1:2 «Ka'ii, gara Nanawwee qachaa gudda'aa dhaqi; hammeenni namootaa guddatee na bira waan geyeef itti lallabi» jedhe.
JON 1:3 Yoonaas ammoo, fuula Mootii Waan Maraa duraa baqatee gara ollaa Tarshiishii deemiisaaf ka'ee, ollaa Yoopheetitti gad bu'ee hoboloo guddittii gara Tarshiishii deemaartu dhaggate; inni gatii ittiin deemu kaffaleen duuba, fuula Mootii Waan Maraa duraa gara Tarshiishii baqatiisaaf hoboloo guddittii yaabbatte.
JON 1:4 Mootiin Waan Maraa ammoo bubbee jadduu abbaayaa irratti kaase; danbaliin jadduun abbaayaa irratti waan kaateef, hoboloon guddittiin caccabiisaaf dhikaatte.
JON 1:5 Worri hoboloo san oofu duudiin guddoo sodaatanee, nami marti tokko tokkoon isaatuu gara waaqota ifii iyye. Akka itti sallatuuf meya hoboloo guddittii keessa jiru gara abbaaya'aa gad gatane; Yoonaas ammoo kolloo hoboloo sanii keessa gad bu'ee, addee irkatetti hirriiba hamaa keessa jiraayyu.
JON 1:6 Ajajaan hoboloo gudditti'ii gara isaa dhikaatee, «Attam akkana ifi gattee ratta? Ka'ii waaqa keeti waammadhu, takki nuu nayee badii irraa nu hambura fa'a» jedheen.
JON 1:7 Worri hoboloo san oofu, «Wonni hantuun tun sababa eennuutiif akka nu irra geette beekiisaaf, kowa'a hixaa buufanna» woliin jedhane. Isaan hixaa buusanee hixaan Yoonaasitti bu'e.
JON 1:8 Maarre isaan, «Wonni hantuun tun sababa eennuutiif nu irra geette? Hujiin teeti maan? Eessaa dhutte? Biyyi teeti eessa? Gosii maan? Nutti himi» jedhanee isa gaafatane.
JON 1:9 Inni deebisee, «Ani nama gosa Ibraawi'ii ti; ani Mootii Waan Maraa Waaqa ol gubba'aa ka lafaa fi abbaayaa dade Waaqonfadha» jedhe.
JON 1:10 Inni marroo ifii dursee isaanitti waan himeeruuf, akka inni Mootii Waan Maraa duraa baqataaru beekane; tanaaf guddoo sodaatanee, «Wonni ati goote kun maan?» jedhanee isa gaafatane.
JON 1:11 Danbaliin ittuma jabaataa waan deenteef, isaan, «Akka danbaliin sarmitu maan si goona?» jedhaneen.
JON 1:12 Yoonaas deebisee, «Rakkoon danbali'ii tun sababa kiyyaaf akka teete hin beeka. Abbaayaa gudditti'itti na gata'a; yoos danbaliin hin sarmiti» jedheen.
JON 1:13 Jarri ammoo hoboloo guddittii gara lafaa baasiisaaf, haga hunna ifii laaqane; ammoo danbaliin ta qaraa caalaa ittuma waan jabaatteef, hin dandeenne.
JON 1:14 Maarre isaan bowanee, «Maganne'e Mootii Waan Maraa, sababa lubbuu namicha kanaatiif nu hin balleessin, akka worra nama yakkaa hin qanne ijjeesuutitti nu hin laakkowin; ee Mootii Waan Maraa, ati waan jaalattu gooteerta» jedhane.
JON 1:15 Achiin duuba Yoonaas fuudhanee abbaaya'atti gatane; danbaliille takkumaan sarmite.
JON 1:16 Wonni kun jara guddoo waan sodaachitteef, ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeessanee, isa tajaajiliisaaf waadaa galane.
JON 1:17 Ajaja Mootii Waan Maraatiin qurxummiin guddoon takka Yoonaas liqinsitee, innille guyyaa sadii fi halkan sad gadhaa qurxummi'ii keessa bule.
JON 2:1 Yoonaas gadhaa qurxummi'ii keessaa Goottaa Waaqa ifii daadimatee,
JON 2:2 «Rakkoo tiyya hantuu keessatti Mootii Waan Maraa kiyya ani si waammadhe, atille naa deebitte. Qilee awwaalaa jalaa ani sitti iyyadhe, atille naa dhageette.
JON 2:3 Ati gara gadhaa abbaaya'aa, qilee keessatti, addee bisaan na marsetti na gatte; hunni guddoon danbalii teetiille na gubbaa yaate.
JON 2:4 Yoos, ‹Ani fuula keeti duraa gatameera; deebi'ee Galma woyyicha keetii hin dhaggaa laati?› jedhee yaadadhe.
JON 2:5 Bisaan na irra yaa'ee na lixxisiiseera; Abbaayaan ijjuma na buxxeerti; marri bisaan keessaalle mataa kiyyatti marame.
JON 2:6 Ani gaarota jalatti, lafa balbalti haga bara baraa natti cufantetti gad bu'e. Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo, jiru'uun qilee keessaa na baatte.
JON 2:7 Yennaa jiruun tiyya na dadhaddetti, Mootii Waan Maraa kiyya, ani gara keeti daadimadhe; Galma woyyicha keeti keessalle'ee daadimata kiyya naa dhageette.
JON 2:8 Worri waaqota dharaa waaqonsu badhaadha dhaggatiisaaf malane hin dhaban.
JON 2:9 Ani ammoo faaruu leellisaatiin; ciincaa si'iif hin dhikeessa. Waan waadaa si'iif galelle hin godha. Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.
JON 2:10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka qurxummiin Yoonaas tuttuuf ajaje; qurxummiille lafa bisaan hin jirre irratti isa tutte.
JON 3:1 Jechi Mootii Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara Yoonaasii dhufee,
JON 3:2 «Ka'ii, gara Nanawwee qachaa guddichaa dhaqiitii ergaa ani si'itti himu kolba'aaf lallabi» jedheen
JON 3:3 Maarre Yoonaas jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamee, Nanawwee dhaqe. Qachaan Nanawwe'ee guddaa waan te'eef, maddii tokko irraa ka'anee gara maddii taanii geyiisaaf deensa guyyaa sadii fudhata.
JON 3:4 Yoonaas qachaa keessa seenee, deensa guyyaa tokkoo deemeen duuba, «Nanawween guyyaa afurtamatti baddi» jedhee lallabe.
JON 3:5 Kolbaan Nanawwe'ee Waaqatti dhugeeffatte. Isaan cubbuu irraa akka deebi'ane mudhisiisaaf, nami marti guddaan, diqqaan akka laamuuf lassanee, woyaa gaddaa uffatane.
JON 3:6 Mootichi qachaa Nanawwe'ee oduu tana yennaa dhage'e, barcumaa ulfinna ifii irraa ka'ee, woyaa ifii ifi irraa baasee, woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra tee'e.
JON 3:7 Achiin duuba mootichi gara kolbaa Nanawwe'ee lassii erge; lassiin baate sun mootichaa fi qondaaltota isaa biraa akka ajajametti: «Eennulle woy afaaniin hin qabin; horiin, hooleelle marra hin dheedin; bisaanille hin unin.
JON 3:8 Nami martii fi horiin gadda uffatanuu ti. Nami duudiin jabeessee gara Waaqa daadimataa, karaa hammeenna ifii lakkisee hujii hantuu ifii irralle'ee deebi'uu ti.
JON 3:9 Eentu beeka? Takki Waaqi nuu nayee, aarii hantuu ifii nu irraa caffatee, nulle hin bannu fa'a teeti» ta jettu.
JON 3:10 Waaqi waan isaan godhanee fi karaa hamaa ifii irraa akka isaan deebi'ane yennaa dhagge, isaaniif nayee, badii isaan irratti geessisiisaaf yaade hin geessine.
JON 4:1 Yoonaas ammoo marroo waan kanaa guddoo gaddee aare.
JON 4:2 Inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, «Mootii Waan Maraa kiyya, adoo biyya tiyya jiruu, wonni ani dubbadhe tanumaa motii ree? Ani tanaaf dafee gara biyya Tarshiishii baqadhe. Ati Waaqa arjaa, mararaa, ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala bara baraa guddaa qaddu, waan hantuu fidiisaaf murteeffattelle ka lakkittu akka teete beekeera.
JON 4:3 Amma Mootii Waan Maraa kiyya, lubbuu tiyya fudhadhu. Jiraatu'uu mannaa du'uu naa woyya» jedhe.
JON 4:4 Mootiin Waan Maraa ammoo deebisee, «Aariis keeti sirri'ii?» jedheen.
JON 4:5 Yoonaas qachaa keessaa bayee gara aduun baatutti tee'e. Achitti gosee midhaaffattee, waan qachaan sun te'u dhaggiisaaf gaaddisa jala tee'e.
JON 4:6 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka Yoonaas aarii ifii caffatu buqqii lachisiisee, isaan gubba'atti gaaddisa godheef. Yoonaasille buqqii latte sanitti guddoo gammade.
JON 4:7 Boruyyaa ammoo gara ganamaatitti, Waaqi akka corroxxi buqqii san nyaattu ajaje; buqqiille godde.
JON 4:8 Yennaa aduun baate, Waaqi qilleensa o'aa ka gara aduun baatuu erge; o'i adu'uulle mataa Yoonaasii waan gubeef gaggabe. Maarre inni, «Jiraatu'uu manna du'uu naa woyya» jedhee du'u halche.
JON 4:9 Waaqi ammoo Yoonaasiin, «Ati marroo buqqi'iitiif aariis keeti sirri'ii?» jennaan, Inni deebisee, «Ani haga du'aatitti aariisa qaba» jedhe.
JON 4:10 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Ati buqqii itti dadhaddee hin guddisin, ta halkan tokkotti guddattee, halkan tokkotti godde saniif gadditeerta.
JON 4:11 Qachaa guddaa Nanawwe'ee ka namooti kuma dhibba tokkoo fi diddam, ka middaa fi bitaa ifii addaan hin beenne, horiin hedduulle keessa ka le'u kanaaf guddoo nayuu hin qabu ree?» jedhe.
MIC 1:1 Bara moototi Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas tarre'etti Yihudaa irratti mootii te'aneeranu keessa jechi Mootii Waan Maraa gara Miikiyaasii nama qachaa Mooresheetii dhufee, inni marroo Samaariya'aatii fi Yerusaalemii mudhii dhagge.
MIC 1:2 Isin gosi biyya adda addaa marti dhage'a'a! Biyyi lafaa, worri isii keessa leetanu marti caqasa'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa Galma ifii woyyicha keessaa isin irratti dhugaa hin baya.
MIC 1:3 Kunoo, Mootiin Waan Maraa addee leetoo ifii irraa dhufiisatti jira; inni gad dhufee, qaccee gaarotaa irra hin ideema.
MIC 1:4 Gaaroti akka gagaan ibidda biratti baqu, isa jalatti hin baqan; dhooqille akka bisaan goodda irra gad yaa'u qotuutitti hin baqaxxi.
MIC 1:5 Wonni kun martinuu sababa yakkaa Yaaqoobiitiif, sababa cubbuu kolbaa Israa'eliitiif teete; Yaaqoob akka yakku ka godhe eennu? Samaariya'aa motii ree? Addeen waaqonfanna'aa ta kolbaa Yihuda'aa tam ree? Yerusaalemii motii ree?
MIC 1:6 Maarre Mootiin Waan Maraa, «Ani qachaa Samaariya'aa caccassee alatti hin tuula; addee muka woyni'ii itti dhaabanu isa hin godha; dhakaa isaa gara dhooqaa gad hin buusa; hundee isaalle qullaa hin hambura.
MIC 1:7 «Waaqoti dharaa ka qachaa Samaariya'aa marti hin bututan; kennansi galmaa qachaa Samaariya'aatiif kenname marti ibiddaan hin gubama; ani fakkii qachaa Samaariya'aa mara hin balleessa; kennansi qachaan Samaariya'aa sagaagalummaa irraa dhaggate, ammalle deebi'ee hujii sagaagalumma'aatiif hin te'a» jedha.
MIC 1:8 Waan kanaaf ani bowee hin wiiccifadha; miila duwwaa, nafa qullaa hin ideema; akka jeedalaa iyyaa, akka urungu'uu hin bowa.
MIC 1:9 Madaan qachaa Samaariya'aa waan hin fayyineef, gara biyya Yihuda'aa babadhatteerti; gara karra Yerusaalemii ta kolbaa tiyyaatuu geetteerti.
MIC 1:10 Qachaa Gaatii keessatti waan kana hin odeessina'a; qachaa Aakoo keessatti hin bowina'a; qachaa Bet-le'aafra'aa keessatti bukuu keessa gangaladha'a.
MIC 1:11 Isin worri qachaa Shaafiirii keessa leetanu, qullaa teessan qaani'iin dabara'a. Worri qachaa Saanaanii keessa le'u keessaa gad hin bayu. Worri qachaa Bet-ezelii keessa le'u hin bowan; isin qarqaariisaafille hin dande'anu.
MIC 1:12 Mootiin Waan Maraa balaa hamaa karra Yerusaalemiititti waan buuseef, worri qachaa Maarootii keessa leetanu rakkoo jalaa bayiisaaf worwaatan.
MIC 1:13 Isin worri qachaa Laakiishii keessa leetanu, garreettaa fardaan harkifamu farda isa harkisutti hidhadha'a. Yakkaan Israa'elii isin keessatti waan dhagganteef, worra Xiyoonii isinittuu cubbuu hujuu jalqassiise.
MIC 1:14 Tanaaf isin qachaa Mooresheet-gaatii gad hin lakkittan; kolbaan qachaa Akziibii mootota Israa'elii hin soban.
MIC 1:15 Isin worra Maareshaa keessa leetanu, Mootiin Waan Maraa worra isin injifatu isinitti hin fida; sooreyyiin Israa'elii gara goda Adulaamii deemanee hin dhokatan.
MIC 1:16 Ijoolleen teessan ta isin jaalattanu, gara lafa ormaa booji'antee waan fudhatantuuf, rifeensa mataa keessanii haadadha'a. Mataa keessan akka mataa allaatti'ii moluu godhadha'a.
MIC 2:1 Worra taqee ifii irra irkatee karoora hamaa baasuuf aanne'e! Tana godhiisaaf hunna waan qabanuuf, yennaa latti bariite hujii irra oolchan.
MIC 2:2 Isaan fichaa namaa kajeelanee, hunnaan qabatan; mana namaalle kajeelanee fudhatan; isaan mana tokko nama isaa woliin, lafa isaa woliin mirga namaa dhiitanee, karra isaa fudhatan.
MIC 2:3 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, «Ani kolbaa tana irratti balaa fidiisaaf karoora baasiisatti jira; isin balaa san jalaa bayiisa hin dandeettanu. Yennaan sun hantuu waan teetuuf, bondhooraa ideemiisa hin dandeettanu.
MIC 2:4 Guyyaa san namooti isinitti murgaa, faaruu gaddaa tana marroo teessaniif faarsaa, ‹Nuuti ijjumaa banneerra; latti kolbaa teennaa qoqoodanteerti; Mootiin Waan Maraa fichaa keenna nu irraa fuudhee worra nu injifateef qoodeera› hin jedhan» jedha.
MIC 2:5 Tanaaf, yaa'ii Mootiin Waan Maraa keessatti nami hixa'aan lafa isiniif qoodu hin jiru.
MIC 2:6 Raagoti isaanii, «Nutti hin raagin! Marroo waan kanaa nutti hin raagin; salphinni nu irra hin gewu.
MIC 2:7 Ee sanyii Yaaqoobii, wonni akkasii hin jedhamaa ree? Ayyaanni Mootiin Waan Maraa ossa dhabee ree? Inni hujii akkasii hujaa ree?» jedhan. Mootiin Waan Maraa, «Qajeelumma'aan ka ideemuuf, jechi kiyya waan dansaa hin godhuuf ree?.
MIC 2:8 Muummee irratti isin akka diinaa teetanee kolbaa tiyya irratti kaatane; yaada lolaa adoo hin qabaatin, namoota nageyaan dabaranu irraa woyaa isaanii mulqattane.
MIC 2:9 Dubartoota kolbaa tiyyaa mana isaanii dansaa keessaa gad ariitane; isin ulfinna kiyya ijoollee isaanii irraa haga bara baraa fudhattane.
MIC 2:10 Addeen tun waan battootteertuuf, akka malee baddeerti; isiin addee foora keessanii waan hin te'iniif, ka'a'aatii asii deema'a.
MIC 2:11 «Nami dharaamessi sobu tokko dhufee, ‹Marroo daadhii woyni'iitii fi marroo untoo macheessituu hin raaga› yoo jedhe, kolbaa tanaaf raagichi fudhatama qabu isa.
MIC 2:12 «Ee sanyii Yaaqoobii, ani dhugumaan isin mara wolitti hin qaba; kolbaa Israa'elii worra baraaree hafe adduma tokko wolitti hin qaba; akka hoolee gooree keessa jirtuu, akka tika hoole'ee ta marra dheediisatti jirtuu, kolbaan lafa hin guutti» jedhe.
MIC 2:13 Ka cassee karaa banu, isaaniin dura hin deema; isaan karra cassanee keessa dabaranee, gad hin bayan; mootiin isaanii dabaree isaaniin dura hin deema; Mootiin Waan Maraalle isaan hin sooressa.
MIC 3:1 Achiin duuba ani, «Isin sooreyyiin kolbaa Yaaqoobii, bulchitooti kolbaa Israa'elii caqasa'a; isin haqa beeku'uu hin mallee?
MIC 3:2 Isin waan dansaa jibbitanee, waan hantuu jaalattane; kolbaa tiyya irraa gogaa, lafee isaanii irralle'ee foon quncittane.
MIC 3:3 Isin foon kolbaa tiyyaa nyaattane; gogaa isaanii irraa quncittane; lafee isaaniille butuchitane; akka foon akowanuutii fi akka foon okkote'etti iffeelanuu kukkuttane» jedhe.
MIC 3:4 Isaan gara Mootii Waan Maraa hin iyyan; inni ammoo deebii isaaniif hin kennu. Isaan waan hantuu hujaneef, inni yennaa san fuula ifii isaan irraa hin deebifata.
MIC 3:5 Mootiin Waan Maraa, «Raagoti kolbaa tiyya karaa irraa gorsitu, yoo nami areereef, isaan nageya lassan; yoo nami hin areeriniif, woraana irratti lassan.
MIC 3:6 Tanaaf, halkan mudhii hin dhagginee fi dukkanti waan gara duraa hin dhaggisiinne hin dhutti. Raagota irratti aduun hin seenti; guyyaan isaanitti hin dukkana.
MIC 3:7 Waaqi deebii waan isaaniif hin deebinneef, worri mudhii dhaggu hin qaanowa; worri waan gara duraa himulle hin salphata; isaan fuula ifii hin gollatan» jedha.
MIC 3:8 Ani ammoo Yaaqoobiif yakkaa isaa, Israa'eliif cubbuu isaa himiisaaf hunnaan, Ayyaana Mootii Waan Maraatiin, haqaa fi jabeenna gudda'aan guutameera.
MIC 3:9 Isin sooressitooti sanyii Yaaqoobii, bulchitooti sanyii Israa'elii, worri haqa tuffattane, worri waan dhugaa te'e mara micciirtanu tana dhage'a'a;
MIC 3:10 isin dhiiga dhangalaasiisaan Xiyoon, hammeennaan Yerusaalem ijaartan.
MIC 3:11 Sooressitooti isi'ii safu'uuf muran; hayyooti isi'iille gati'iif barsiisaan; raagoti isi'iille beese'eef raagan. Isaan ammoo Mootii Waan Maraatitti irkatanee, «Dhugumaan Mootiin Waan Maraa odduu teenna jira. Balaan nutti hin dhufu» jedhan.
MIC 3:12 Tanaaf sababa keessaniif, Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti; Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; kooba Galma Waaqaa raaqi itti hin lata.
MIC 4:1 Bara muumme'ee gaarri Galmi Mootii Waan Maraa irra jiru gaara mara ka caalu hin te'a; kooba mara caalee hin mudhata; gosi biyya adda addaa hedduun gara gaara sanii hin yaati.
MIC 4:2 Gosi biyya adda addaa hedduun dhuttee, «Kowa'a, gara gaara Mootii Waan Maraa, gara Galma Waaqa Yaaqoobii ol baana. Akka nuuti daandii isaa irra ideennuuf, inni karaa ifii nu hin barsiisa» hin jetti. Seerri Xiyoon irraa, jechi Mootii Waan Maraa Yerusaalem irraa hin baya.
MIC 4:3 Inni wodhakkaa kolbaa heddu'uutitti hin mura; wol dhaba gosa biyya adda addaa jajjabbaan odduu jirtu hin sirreessa; isaan shallaagaa ifii qottoo, eboo ifiille haantuu hin tumatan. Gosi biyya tokkoo, gosa biyya takkaa irratti lola hin kaachu; leenjiin woraanaalle hin jiraattu.
MIC 4:4 Nami martinuu muka woynii ifiitii fi muka harru'uu ifii jala hin tee'a; ka isaan sodaachisu hin jiru; Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbateera.
MIC 4:5 Gosi biyya adda addaa marti maqaa waaqota ifiitiin hin ideeman; nuuti ammoo bara baraa haga bara baraa maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin hin ideenna.
MIC 4:6 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san ani worra naafolee, worra booji'amee fi worra akka gaddanu godhe wolitti hin qaba.
MIC 4:7 Worra naafolee baraaree hin hambura; worra booji'ame gosa biyya jaddu'uu hin godha; ani Mootiin Waan Maraa guyyaa sanii jalqabee gaara Xiyoonii irratti bulchaa isaanii hin te'a.
MIC 4:8 Ee xelleephoo eeddoo gaara Xiyoonii, addee Waaqi akka tisse'ee irra tee'ee kolbaa ifii eegu, qachaan guddichi keeti ka durii adde'etti hin deebi'a. Mootummaan qachaa Yerusaalemii hin deebiti» jedha.
MIC 4:9 Ati amma maaf qoonqoo ol qabaattee iyyita? Ati mootii hin qadduu? Akka dubartii ciniinsifattuu ka rakkattu, ka si gorsu dhabamee tii?
MIC 4:10 Isin kolbaa Xiyoonii, akka dubartii ciniinsifattuu, aadaa rakkadha'a; qachaa keessaa baya'aatii, diida keessa qubadha'a. Gara Baabilonii hin ideentan; achitti Mootiin Waan Maraa harka diina keessanii jalaa isin baasee, isin hin woda.
MIC 4:11 Amma ammoo gosi biyya adda addaa hedduun si loliisaaf wolitti qabantee, «Yerusaalem battoottuu ti; ilti teenna Xiyoon ceeggattuu ti» jetti.
MIC 4:12 Isaan ammoo yaada Mootii Waan Maraa hin beekanu; akka laddee eeddumme'etti wolitti qabanuu, karoora ka isaan wolitti qabuu sanii hin hubanne.
MIC 4:13 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Xiyoonii, ka'a'a! Diina keessan akka midhaanii dhowa'a! Ani gaafa sibiilaa isiniif hin kenna; kottee sageettu'uu isiniif hin kenna; isinille gosa biyya adda addaa hedduu hin butuchitan. «Bu'aa isaan hunnaan dhaggatane ana Mootii Waan Maraatiif, karra isaanii Goottaa lafa duudi'iitiif hin dhikeessitan» jedha.
MIC 5:1 Nuuti waan marfanneef, ee ati qachaa loltootaa, loltoota teeti wolitti qabadhu! Worri nu marsane sun bulchaa Israa'elii boqoo isaa ule'een hin dhowan.
MIC 5:2 Ati ammoo qachaa Betlihemii-Efraata'aa, qachoota Yihuda'aa keessaa guddoo diqqaattulle, ka Israa'el bulchu tokko si keessaa naaf hin ka'a; hundeen isaa duruu jira.
MIC 5:3 Haga haati isaa ciniinsifattee isa deettutti, Mootiin Waan Maraa Israa'el hin lakkisa; achiin duuba obboleeyyan isaa worri booji'amaneeranu, deebi'anee gara Israa'elootaa hin galan.
MIC 5:4 Inni jabeenna Mootii Waan Maraatiin, ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiin jabaatee dhaabbattee, hoolee ifii hin tissa; guddinni isaa haga qaccee lafaa waan dhaqqabuuf, Israa'elooti nageyaan hin le'an.
MIC 5:5 Innille nageya isaanii hin te'a. Yennaa worri Asoorii biyya teenna lolanu, kushee teenna cassanee yennaa seenanu, nuuti tissitoota torbaa fi sooreyyii dhiira saddeeti isaan irratti akka ka'anu hin goona.
MIC 5:6 Isaan worra biyya Asoorii shallaaga'aan, worra biyya Naamrodiillee shallaagaa buqqifataneen hin bulchan. Worri Asoorii yennaa biyya teenna lolanu, meessaa lafa teennaa yennaa cassanee seenanu, inni isaan jalaa nu hin baasa.
MIC 5:7 Kolbaan Yaaqoobii worri jiru'uun hafe, kolbaa hedduu wodhakka'atti akka fixeensa Mootii Waan Maraa biraa bu'uu, akka tiifuu marra irratti buutuu, ka nama addii hin godhanne, yookiin ka ilmaan namaa hin eeganne hin te'an.
MIC 5:8 Kolbaan Yaaqoobii worri jiru'uun hafe, gosa biyya adda addaa oddu'utti, kolbaa hedduu wodhakka'atti, akka neenqa bineensota badda'aa odduu jiruu, akka neenqa dardara odduu tika hoolotaa seenee qabee gargar kukkutuu, ka nami irraa buusu hin jirree hin te'an.
MIC 5:9 Harki keessan diinota keessan irratti ol hin ka'a; nyaapholeen teessan martille hin badan.
MIC 5:10 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san, fardoo teessanii fi garreettaa fardaan harkifamu keessan odduu teessanii hin balleessa.
MIC 5:11 Qachaa lafa teessanii hin balleessa; kushee teessan maralle hin diiga.
MIC 5:12 Ani moruu teessan hin balleessa; haganaa achi isin worra moru hin qabaattanu.
MIC 5:13 Ani fakkii waaqota dharaa keessanii fi soodduu woyyittii isin waaqonfattanu odduu teessanii hin balleessa; haganaa achi waan harka keessaniin hujjanetti hin sagaddanu.
MIC 5:14 Fakkii waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu, odduu teessanii hin balleessa; qachoota keessanille hin diiga.
MIC 5:15 Gosa biyya adda addaa worra naaf hin ajajanne aari'ii fi mufii guddo'oon haluu hin baya» jedha.
MIC 6:1 Waan Mootiin Waan Maraa jedhu dhage'a'a: Ka'a'a, haajaa keessan gaarota duratti dhikeeffadha'a; kooboti waan isin jettanu dhage'anuu ti.
MIC 6:2 Ee gaarota, himannaa Mootiin Waan Maraa dhikeessu dhage'a'a; isinille hundeen lafaa caqasa'a. Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii haajaa ittiin himatu qaba; inni Israa'el hin himata.
MIC 6:3 Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya, ani maan isin godhe? Ani attamiin ba'aa isinitti te'e? Deebii naaf kenna'a.
MIC 6:4 Ani biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; garbummaa jalaa isin wodeera. Muuseen, Aaronii fi Miiriyaam akka isin sooressanu ergeera.
MIC 6:5 Kolbaa tiyya, waan mootiin Mo'aabii Balaaqi isin irratti mala dhowe, waan ilmi Be'orii Bala'aam isaaf deebiselle qaabadha; hujii tiyya balchittii akka beettanuuf, addee ‹Shiixiim› jedhantuu haga qachaa Giilgaliititti waan te'elle qaabadha'a» jedha.
MIC 6:6 Ani maan qabadhee fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaadhee, Waaqa ol-gubba'aa duratti sagadu ree? Kennansa gubamuu fi jabbilee woggaa tokkoo qabadhee fuula isaa dura dhikaadhuu ree?
MIC 6:7 Mootiin Waan Maraa korbeeyyii hoole'ee kumatti, zayitii ejersaa laga bisaanii kuma kudhan ta geettutti hin gammadaa? Sababa yakkaa tiyyaatiif, ilma kiyya angaficha, cubbuu lubbuu tiyyaatiif, uumaa gudeeda kiyyaa ciincaa dhikeessuu ree?
MIC 6:8 Ee nama, Mootiin Waan Maraa waan dansaa sitti mudhiseera. Mootiin Waan Maraa maan si irraa barbaada? Haqa akka hujjuuf, marartii akka jaalattuuf, gad ifi qabiisaan Waaqa keeti woliin akka ideentuufii motii ree?
MIC 6:9 Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a; Caqasa'a! Mootiin Waan Maraa, kolbaa qachaa keessaa waamee, «Ulee adabbi'ii qaabadha'a. Ka isii qopheesseelle yaadadha'a.
MIC 6:10 Isin worri hamooleen, qabeenna keessan ka hammeennaa guurattane, waan ittiin safaranu ka sobaa, ka abaarame san hin dedhaa ree?
MIC 6:11 Nama madaalli'ii fi waan ittiin safaranu ka sirriin hin te'in subbatti qabatu cadhiseetuma lakkisaa ree?
MIC 6:12 Dureeyyiin qacha'aa hunnaan nama irratti kaati; kolbaan qacha'aa dhara dubbatti; arrabi isaanii soba dubbata.
MIC 6:13 Tanaaf, ani isin balleessa; sababa cubbuu teessaniitiif, ani isin diiga.
MIC 6:14 Isin hin nyaattan ammoo hin quuttanu; gadhaan keessan haga ammaa duwwa'a; waan isin kuufattane shallaaga'aaf waan kennuuf, hin tuulattan ammoo isiniif hin kuufamu.
MIC 6:15 Hin facaattan ammoo hin haammattanu; zayitii ejersaa hin miiccan ammoo hin dibattanu; midhaan woyni'ii hin cunfitan ammoo daadhii woyni'ii hin untanu.
MIC 6:16 Isin aadaa Omirii mootichaatii fi waan maatiin Ahaabii mootichaa goote mara eegattaneertan. Tanaaf, ani badi'iif dabarsee isin hin kenna; kolbaan teessanille hin salphatti; gosi biyya adda addaa isinitti murgiti» jedha.
MIC 7:1 Ani akka nama bona woxoo midhaan woyni'ii qocatuu waan te'eef, naaf aanne'e! Nyaatiisaaf, unkuruurri woyni'ii hin jiru; midhaan harru'uu ka ani halchu, ka dursee bilchaatulle hin jiru.
MIC 7:2 Nami addatamaan lafa irraa badeera; nami qajeelaan tokkolle hin jiru. Nami marti dhiiga dhangalaasiisaaf riphee gaada; isaan tiyyo'oon wol adansan.
MIC 7:3 Harki isaanii waan hantuu hujiisa barateera; bulchaan kennansa gaafata; abbaan mura'aa safuu fudhata; worri dureeyyiin waan barbaade muummessa; isaan martinuu wolumaan mala dhowan.
MIC 7:4 Isaan keessaa ka mara caalaa «Addatama'a» jedhamu, akka qumi'uudu'uu ti; ka mara caalaa «Qajeela'a» jedhamu, qoree caalaa bada'a. Guyyaan Waaqi isaan adabu ka worri raagotaa dubbatane dhufeera; yennaan isaan waan te'anu wollaalanu amma.
MIC 7:5 Nama hin addatin; jaala keetitti addii hin godhatin. Niitii teeti ta hanqafatee rattuuyyuu waan isii woliin dubbattu jecha keeti ifi eeggadhu.
MIC 7:6 Ilmi abbaa ifii hin tuffata; intalti haadha ifii irratti, niitiin ilmaalle haadha dhirsa ifii irratti hin kaati; diinni namaa maatuma isaa keessaa hin te'an.
MIC 7:7 Ani ammoo Mootii Waan Maraa addii hin godhadha; Waaqa fayyisaa kiyya hin eegadha; Waaqi kiyya naaf hin dhage'a.
MIC 7:8 Diina kiyya natti hin gammadin! Ani jigulle hin ka'a; dukkana keessa jiraadhulle Mootiin Waan Maraa ifa naaf hin te'a.
MIC 7:9 Ani waan isa yakkeef, haga inni haajaa kiyyaaf muraa naa kennutti, ani aarii isaa ta bobeettu hin ossadha. Inni gara ifaa na hin baasa; ani balchummaa isaa hin dhagga.
MIC 7:10 Achiin duuba diinni kiyya ka, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa jira?» anaan jedhu, tana dhaggee hin qaanowa; ilti tiyya jinnana diina kiyyaa hin dhaggiti; ammaayyuu akka caffaa karaa keessaa miilaan irra hin sirbama.
MIC 7:11 Guyyaan dalleya keessan ijaarattanu, guyyaan meessaa keessan badhifattanu hin dhufa.
MIC 7:12 Guyyaa san namooti keessan biyya Asooriitii fi qachoota Gibxi'ii irraa, biyya Gibxi'iitii haga laga Efraaxiisii irralle'ee, abbaaya'aa haga abbaaya'aa irralle'ee, gaaraa haga gaaraa irralle'ee gara keessan hin dhufan.
MIC 7:13 Sababa hujii worra isii keessa le'uutiif ammoo latti hin onti.
MIC 7:14 Kolbaa teeti, worra hoolota teeti te'ane, ulee teetiin tissi! Isaan amma gongomaa keessa qofii ifii, lafa oorru'uu keessa le'an. Isaan akkuma bara durii, Baashaanii fi Giil'aad keessa dheedanuu ti.
MIC 7:15 Akkuma bara biyya Gibxi'ii keessaa isaan baattee, bilbaasa nutti mudhisi!
MIC 7:16 Gosi biyya adda addaa yennaa bilbaasota kana dhaggane, hin qaanowan; hunna hin dhaban; afaan hin qabatan; gurri isaaniille hin duuda.
MIC 7:17 Isaan akka bofaatii fi akka bineensota lafa irra lowanuu bukuu hin arraaban. Goda ifii keessaa rommaa hin bayan; soda'aan gara si Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa hin deebi'an.
MIC 7:18 Kolbaa ifii worra lubbu'uun hafeef, ka cubbuu isaanii lakkisee, yakkaa isaanii araaramuuf, Waaqi akka keetii eennu? Ati marartii mudhisiisatti gammadda malee aari'iin haga bara baraa hin turtu.
MIC 7:19 Ati ammalle nu mararta; yakkaa teenna hin qulqulleessita; cubbuu teenna mara qilee abbaaya'aa keessa hin buutta.
MIC 7:20 Ati akkuma bara durii abbootii teenna ta duriitiif kakatte, sanyii Yaaqoobiitiif addatamummaa, sanyii Abrahaamiitiifille marartii hin mudhitta.
NAH 1:1 Mudhiin marroo Nanawwe'ee, kitaab mudhi'ii ka Naahomii nama biyya Elqoshii kana.
NAH 1:2 Waaqi hinaatticha; Mootii Waan Maraa ka haluulle bawu; inni mufii jadduu ifiitiin diinota ifii irratti balaa buusa.
NAH 1:3 Waaqi hunnaa guddoo qaba, ammoo ariifatee hin aaru; Yakkaamessa adabu male hin lakkisu. Karaan isaa bubbe'ee fi danbalii keessa; duumensi bukuu miila isaa ti.
NAH 1:4 Inni abbaayaa xixee hin gossa; laga maralle hin gossa; Baashaan latti marraan beekkantee fi Qarmelos latti qonnaan beekkante qooraneeran; daraaraan Libaanosii harca'aneeran.
NAH 1:5 Gaaroti isa duratti hin tacho'an; koobotille hin baqan. Latti isa duratti, biyyi lafaatii fi ka isii keessa le'anu marti hin raafaman.
NAH 1:6 Mufii isaa jadduu dura eentu dhaabbatuu dande'a? O'a aarii isaa eentu dande'ee ossa? Mufiin isaa akka ibiddaa bobeetti; rassaalle isa duratti hin bututa.
NAH 1:7 Waaqi dansa'a; yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu. Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;
NAH 1:8 diinota ifii ammoo akka lolaa haxowuu ijjumaa balleessee, dukkanatti hin ari'a.
NAH 1:9 Isin maaf Waaqa irratti mala dhoottan? Inni ijjumaa isin hin balleessa; lammeessoo nami isa irratti ka'u hin jiru.
NAH 1:10 Isin worri machoottanu, akka qoree wol xaxxeetii fi akka hicaacee goddee hin gubattan.
NAH 1:11 Ee Nanawwe'e, nami Waaqa irratti mala dhowu, ka waan hantuu gorsulle, si keessaa ka'e.
NAH 1:12 Mootiin Waan Maraa, kolbaa ifii Israa'eliin, «Worri Asoorii hunnaameyyi'ii fi hedduu te'anulle, ijjeefamanee, hin badan. Kolbaa tiyya, tanaan dura ani isin rakkisulle, yoona deebi'ee isin hin rakkisu.
NAH 1:13 Amma ani waanjoo worra Asoorii isin irraa cassee, wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhantane isin irraa hin ciccira» jedhe.
NAH 1:14 Mootiin Waan Maraa marroo worra Asoorii, «Haganaa achi sanyiin maqaa keessan waansittu hin jiraattu; galma waaqota keessanii keessaa waaqota dharaa fakkii bocantee fi fakkii baqisiifantee hujantee hin balleessa. Isin worra bu'aa hin qanne waan teeteef, boolla awwaalaa isiniif hin qota» jedhee ajaja baaseera.
NAH 1:15 Kunoo, ergamaan oduu gammadaa odeessu, ka nageya lallabu gaara gubba'aa dhufaara. Kolbaa Yihuda'aa! Diinni keessan ijjumaa waan badeef, haganaa achi biyya teessan hin qabatanu. Tanaaf, gammadaan jilifadha'a. Waan Waaqaaf kenniisaaf waadaa galtane Waaqaaf kenna'a.
NAH 2:1 Nanawwe'e, ka balaa sitti buusu dhufeera. Kushee teeti jabeeffadhu; karaa eegi; hidha keeti hidhadhu; lolaaf qopheeffadhu.
NAH 2:2 Saantuun sanyii Yaaqoobii saantulle, woynii isaaniille balleessitulle, Waaqi ilmaan Yaaqoobii ka te'ane, ulfinna Israa'elii hin deebisa.
NAH 2:3 Loltooti diinaa wontee diintuu qabataneeran; isaan woyaa dhiillee uffataneeran; yennaa isaan lolaaf qophowanu, sibiilli garreettaa farda isaanii hin billiccisa; woraanni isaanille hin mirmiffama.
NAH 2:4 Garreettoti fardaa karaa irra ariiti'iin gulufan; woldeennaa kara'aa keessa asii fi achi gulufan. Isaan umeessaa bobe'u fakkaatan; akka balaqqeetti'ii gugatan.
NAH 2:5 Mootiin Asoorii loltoota ifii beekkantuu hin waama; isaan dhufaaranuun karaa irratti hin gufatan; gara dalleya qacha'aa hin gulufan; wonteelle qophootteerti.
NAH 2:6 Karri karaa lagaa ba'a jettee banante; manni mootumma'aa jige.
NAH 2:7 Nanawween salphatte; mootittiin isi'ii booji'antee fudhatante; tajaajiltooti isi'ii ta dubarti'ii, qoonqoo gaddaa ta akka qoonqoo saphaliisaa dhageessisan. Gaddaan qoma ifii dhodhowatan.
NAH 2:8 Akka bisaan naanniga cassee, kolbaan Nanawwee keessaa hin baqatti! «Dhaabbadhu! Dhaabbadhu!» jedhanee iyyan, ammoo nami tokkolle hin deebi'u.
NAH 2:9 Karri qachaa sanii baca'a, qabeenni adda addaalle tuula'a; Dhaqa'aatii meeti'ii fi worqii saama'a!
NAH 2:10 Nanawween baddee, ontee, duwwiteerti! soda'aan baqanee, jilbille sheephiseera. Neenqoleen marti hin hollatti; fuulli nama maraatuu shankallowe!
NAH 2:11 Mandheen neenqaa, godi isaan dardaroota neenqaa itti nyaachisanu, latti neenqi kormii fi dhalaan sodaa malee keessa deddeemanu fakkaattu qachaa sun amma meet ree?
NAH 2:12 Neenqi ilmoolee ifiitiif foon kukkuta; neenqa dhala'aafille ka gewu adansa. Inni goda ifii waan adanseen, boolla ifiille foon kukkutameen guuta.
NAH 2:13 Nanawwe'e! Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, «Kunoo, ani si morma! Garreettaa fardaa keeti ibiddaan guba. Loltoota teeti shallaaga'aan fixa; waan ati adanfattu mara ani lafa irraa balleessa; qoonqoon ergantoota teetiille haganaa achi hin dhage'antu» jedha.
NAH 3:1 Qachaa dhiiga namaa dhangalaasu, ka sobaan guutame, ka saantu'uun guutame, ka booju'uun guutame, Nanawwe'eef aanne'e!
NAH 3:2 Worcaqqeessi liche'eetii fi kokokkeessi korbo'oo, hididdeessi fardaatii fi gugukkeessi garreettaa fardaa, hin dhage'ama!
NAH 3:3 Abbootiin fardaa hin gulufan, shallaagaan isaanii hin billiccisa, woraanni isaanii hin calaqqisa; nami hedduun waan ijjeefameef, reeffi tuulameera; reeffi hedduu waan te'eef, gufuu isaanitti te'eera!
NAH 3:4 Ati ta xanoo xantu, ta ilatti toltu sababa sagaagala keetii tun teete; ati sagaagalummaa teetiin kolbaa garboonsitee, xanoo teetiin gosa biyya adda addaalle gurgurte.
NAH 3:5 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, «Nanawwe'e, ani si morma; uffana keeti si irraa shooqee fuula keetitti buqa; gosi marti qullaa keeti, mootummaalle salphinna keeti akka dhaggitu godha.
NAH 3:6 «Ani huura sitti gata, si tuffadha, akka si daaw'atanulle godha.
NAH 3:7 «Achiin duuba worri si daaw'ate marti si irraa baqataa, ‹Nanawween baddeerti; eentu bowaaf?› jedhan; ka si jajjabeessu ani eessaa siif dhagga ree?» jedhe.
NAH 3:8 Nanawwe'e, ati qachaa Tebesii, ka laga Nayilii biraa, ka bisaan marseeru, ka kaabiin isaa abbaaya'aa, ka bisaan akka dalleyaa marseeru hin caaltaa?
NAH 3:9 Qachaan Tebesii loltoota Itoophiya'aatii fi Gibxi'ii ta haga hin qanneen eegameera; Worri Fuxiitii fi Liibiya'aalle qarqaartota Tebesii ti.
NAH 3:10 Te'uu malee worri Tebesii qabamanee, booji'amaneeran; daa'immaan isaaniille woldeennaa kara'aa mara irratti, dhaka'aan tumamanee jijjiganeeran; qondaaltota Tebesii irratti hixaa buufataneeran; worri gugurdaan Tebesii marti wodaroo sibiilaatiin hidhaman.
NAH 3:11 Nanawwe'e, atille hin machootta, gara dhokaataa hin ideenta; diina duraa addee itti baqattu hin barbaaddatta.
NAH 3:12 Kusheen teeti mara akka muka harru'uu ka midhaan qara bilchaatee ti. Yoo hargufame, afaan worra nyaatuu keessa harca'a.
NAH 3:13 Loltoota teeti ilaali; isaan akka dubarti'ii ti. Balbalti biyya teetii diinota keetiif badhattee bananteerti; danqaraa balbalootaalle ibiddi fixeera.
NAH 3:14 Diinaan waan marfantuuf, bisaan woraabbadhu, kushee teeti jabeeffadhu; biyyee faaraa sukkuumii, dhiitii qopheessii, faara loobame huji!
NAH 3:15 Achitti ibiddaan gubata; shallaagaalle'een kukkutanta. Ibiddi akka awwaannisaa si fixa. Akka awwaannisaatii fi akka korophiisaa horuma hori!
NAH 3:16 Ati urjoota gubba'aa caalaa, daldaltoota teeti fakkanfatteerta. Isaan akka awwaannisaa biyya qorranee ka'anee badan.
NAH 3:17 Eeddoti teeti akka korophiisaa ti; qondaaltoti teeti akka korophiisa Guyyaa qabbanaa dalleya irratti heechatee ti. Yennaa aduun baatu, koolaan ka'ee deema; gara inni dhaqe eennuulle hin beeku.
NAH 3:18 Ee mootii Asoorii, eeddoti teeti muganeeran; qondaaltoti teeti dunquuqqowaneeran. Kolbaan teeti gaara irratti bittinnootteerti; nami isaan wolitti qabulle hin jiru.
NAH 3:19 Miidhama keeti nami goomsu hin jiru; madaan teeti hin fayyitu. Nami oduu jinnana keeti dhage'e marti gammadaan harka dhowa. Nami gadhi-jabinna keeti ka muummee hin qanne jalaa bayeeru jiraa ree?
HAB 1:1 Ergaan Mootiin Waan Maraa raagicha Anbaaqoomitti mudhise tana.
HAB 1:2 «Ee, Mootii Waan Maraa! Qarqaarsa keeti gaafatiisaa fi marroo worra hunnaan nu bulchuu yoo sitti iyyadhu, ka nuu dhageettuu fi nu fayyittu yoom ree?
HAB 1:3 Maaf rakkoo akkasii akka dhaggu na goote? Dabi yennaa hujamu attam cadhittee ilaalta? Badi'ii fi hunnaan nama bulchanuun dhagga; wol dhabaa fi moromaan hin jiran.
HAB 1:4 Tanaaf seerri laashowee, muraan dhuga'aa ijjumaa dhabantee, hamaaleyyiin balchoota marsanee, muraan daddeerti» jedhe.
HAB 1:5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Gosa biyya adda addaa ta adaala keessanii ilaala'a; waan dhaggitanu maratti maadeffadha'a; eennulle adoo isinitti himelle'ee, waan isin dhugeeffatuu hin dandeenne bara keessan keessatti ani hin huja.
HAB 1:6 Kunoo, ani worra Baabilonii gadhi-jabeeyyi'ii fi ariifataa, ka lafa worra dhibi'ii qabatiisaaf lafa duudii keessa yaa'anu hin kaasa.
HAB 1:7 Isaan worra nama sodaachisuu fi rifachiisu; isaan ulfinna ifiitiif ifumaaf seera baafatan.
HAB 1:8 «Fardoon isaanii qeeransa caalaa ariifatti; yayyii galgalaa caalaalle hin sodaachitti. Abbootiin fardo'oo ta isaanii, akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu, fagoo irraa gulufaa hin dhufan.
HAB 1:9 «Loltooti isaanii marti hunnaan nama irratti ka'iisaaf dhufan; loltooti isaanii akka qilleensa goomole'ee gara duraa yaa'an. Boojuun isaaniille akka maansaa baca'a.
HAB 1:10 Isaan moototatti hin murgan; bulchitootalle hin tuffatan. Isaan kushee maratti kollaa, biyyee kushee san irratti tuulanee, isaan hin booji'an.
HAB 1:11 Achiin duuba worri yakkaameyyiin ka hunna ifii waaqota ifii godhatanu, akka qilleensaa haxowamanee taran» jedhe.
HAB 1:12 «Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa woyyicha ka durii jalqaddee jirtu; ati ijjumaa hin duutu. Worri Baabilonii muraa teeti hujii irra akka oolchanuuf ramadde; ati rassaan keenna, akka isaan nu adabanuuf baallii isaaniif kennite.
HAB 1:13 Ilti teeti guddoo qulluu waan teeteef waan hantuu ilaaliisaaf hin dandeettu; ati wonni hantuun hujantuun dhaggaa hin ossitu. Maarre maaf worra maltoole'etti cadhi jettee ilaalta? Worri hamaaleyyiin worra isaan caalaa balchoota te'ane yennaa liqinsanu maaf cadhitta ree?
HAB 1:14 «Ati kolbaa akka qurxummii abbaayaa keessaatii fi akka dada abbaayaa keessaa ta sooressa malee munyuuxxuu gooteerta.
HAB 1:15 Worri Baabilonii akka qurxummii malxaqqo'oon qabanuu isaan qaban; caccoo ifiitille'een isaan harkisanee, waan itti kuufatanu keessatti wolitti qabatan. Caccoo ifii keessatti isaan waan qabataneef gammadanee ilillisan.
HAB 1:16 Tanaaf caccoo ifiitii fi waan ittiin kuufatanuun qananumma'aan waan le'anuuf, cacco'oof ciincaa dhikeessan; waan itti kuufatanuuf hixaana aarsan.
HAB 1:17 Isaan caccoo hargufuma hargufaa marartii malee gosa biyya adda addaa balleessaa le'anuutii ree?» jedhe.
HAB 2:1 Ani xelleephoo tiyya irra hin dhaabbadha; dalleya qacha'aa ka dhaka'aa irralle'etti addee hin qabadha'a; waan Mootiin Waan Maraa naan jedhu, iyyata kiyyaaf deebii inni naa kennu hin eegadha.
HAB 2:2 Mootiin Waan Maraa naaf deebisee, «Wonni ani sitti mudhisu kaso'otti akka dubbifantu faara baxxicha irratti barreessi.
HAB 2:3 Sababille mudhiin tun yennaa itti muummottu eegatti; isiin marroo guyyaa muumme'ee dubbatti; isiin dharaa moti. Ta turtu fakkaattulle eegadhu. Dhugumaan hin dhutti; hin turtulle'e» jedhe.
HAB 2:4 Worra kooru ilaala'a; yaadi isaanii qajeela'aa moti; balchooleen ammoo dhugeeffannaa ifiitiin le'an.
HAB 2:5 Dhugumaan karri nama soddi; nami kooru foora hin qabu; akka boolla awwaalaa joljola'a; akka du'aa ijjumaa hin quufu; inni gosa biyya adda addaa mara ifiif wolitti qabata; kolbaa maralle hin booji'a.
HAB 2:6 Nami duudiin nama akkasii kanatti kollaa itti murgaa, «Ka waan keeti hin te'in tuulattu, meya hunnaan fudhatteen haga yoomii ifi duroonsita?
HAB 2:7 «Worri gatii si irraa qabu dedha sitti hin ka'uu? Isaan si hin sheephisiisanuu? Achiin duuba waan ati qaddu mara hin fudhatanuu?
HAB 2:8 Ati kolbaa gosa biyya adda addaa saantee, dhiiga kolbaa heddu'uu dhangalaattee, qachootaa fi waan isaan keessa jiru duudiille waan balleessiteef, worri hafe si hin saama.
HAB 2:9 «Nama bu'aa haqa hin te'iniin mana keeti ijaarrattee, balaa jalaa bayiisaaf addee ol jettetti mana ka hujattu si'iif aanne'e!
HAB 2:10 Ati mala dhoottee kolbaa hedduu ijjeesiisaan, mana keeti irratti salphinna fiddeerta; ifi irralle'etti cubbuu fiddeerta.
HAB 2:11 Tanaaf dhakaan dalleyaa dalleya irraa si'itti hin iyya; utubooti manaalle jalaa hin qaban.
HAB 2:12 «Nama dhiiga namaa dhangalaasiisaan qachaa ijaarrattu, yakkaalle'een qachaa guddicha ijaarrattu si'iif aanne'e!
HAB 2:13 Mootiin Waan Maraa waan mara ajaju, wonni nami hujatu ibiddaaf, wonni gosi biyya adda addaa itti eloottu waan bu'aa hin qanneef akka te'u hin goonee ree?
HAB 2:14 Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu, lattille ulfinna Waaqaa beekiisaan hin guutanti.
HAB 2:15 «Nama nafa namaa qullaa ilaaliisaaf jettee, mufii teeti akka daadhii woyni'ii jaddu'uu isaaf kennitee, haga inni machowutti ka isa obaattu siif aanne'e!
HAB 2:16 Atinuu untee machoottee hin gatantarta; addee ulfinnaa salphinna hin uffatta. Mootiin Waan Maraa muduunuu adabbi'ii jadduu akka untu si hin godhee, ulfinna keeti gara salphinnaatitti hin jijjiira.
HAB 2:17 Ati dhiiga namaa dhangalaattee, biyyaa fi qachoota, waan isaan keessa jiranulle waan balleessiteef, hunnaan ka'iis ati Libaanosi irratti kaate sitti garagalati. Balleessaan ati bineensota balleessitelle si hin bararassiti.
HAB 2:18 «Bu'aan waaqa dharaa maan? Inni waan harka namaatiin bocomee hujame; dhara malee wo isa irraa hin dhaggamu; nami isa bocee huje waaqa dharaa ka woy hin dubbannetti addatiis isaa bu'aa maan qaba ree?
HAB 2:19 Waan muka irraa bocamee hujameen, ‹Dammaqi!› yookiin dhakaa lubbuu hin qanneen, ‹Ka'i!› ka jettu siif aanne'e! Inni si barsiisuu dande'aa? Kunoo, waaqi dharaa worqi'ii fi meeti'iin gonfameera; hafuuralle hin qabu.
HAB 2:20 «Mootiin Waan Maraa ammoo Galma woyyicha ifii keessa jira; latti duudiin fuula isaa duratti cadhittuu ti» hin jedhan.
HAB 3:1 Daadimati Anbaaqoomii raagichaa ka faaru'uun dhikaate asii gad jira.
HAB 3:2 Ee Mootii Waan Maraa kiyya, hujii maade'ee ta ati hujje mara dhage'ee guddoo sodaadhe; ammalle bara keennatti hujii teeti ta durii ede'ii huji; bara kennalle'etti akka beekkantu godhi; yennaa aartulle nu mararfadhu.
HAB 3:3 Waaqi woyyichi biyya Temaanii, gaara Phaaraan irraa hin dhufa; Ulfinni isaa ol-gubbaa golleera; leellisi isaalle lafa guuteera.
HAB 3:4 Ifi ulfinna isaa akka ifa adu'uu ti; harka isaa ka hunni isaa keessa dhokatteertu keessaa balaqqeessi hin baya.
HAB 3:5 Balaan isa dura deema; dhukkubi nama fixu isa duubaan deema.
HAB 3:6 Yennaa inni dhaabbatu latti hin tachooti; yennaa inni isaan ilaalu gosi biyya adda addaa hin hollatti. Gaaroti durii durii hin sigigan; kooboti durii durii ta inni irra deemaa turelle gad hin lixan. Karaan inni irra deemu ammoo bara baraan jiraata.
HAB 3:7 Worri Itoophiya'aa rakkatuun, worri Miidiyaaniille hollatuun dhagge.
HAB 3:8 Ee Mootii Waan Maraa, ati lagatti hin aartee? Yennaa fardoolee teeti yaabbattee, garreettaa fardaa ka injifachaa keetii irra teette, abbaaya'atti guddoo aarteetii?
HAB 3:9 Ati guubee teeti qopheeffattee daaya keeti buqqifattee, lagaan lafa gargar tarsaatte.
HAB 3:10 Gaaroti si dhagganee hollatane; lolaan roobaa lafa haxowaa tare. Bisaan abbaaya'aa shookkisee, danbaliin isi'iille ol kaate.
HAB 3:11 Yennaa daaya keeti isaanitti calalaqee, eboon teeti isaanitti itte adu'uu fi jiin adduma jiranutti dhaabbatane.
HAB 3:12 Ati aari'iin lafa irra ideenta; aariille'een gosa biyya adda addaa hin dhidhiitta.
HAB 3:13 Ati kolbaa teeti fayyisiisaaf, ka muudame sanille fayyisiisaaf baate. Sooressa worra hamoole'ee butuchitee, hordofattoota isaalle balleessitee, mata'aa haga miilaatitti qullaa isa hamburte.
HAB 3:14 Akka hobonbolatti'ii nu bittinneessiisaaf ka dhufe, Yennaa loltooti isaa akka hobonbolatti'ii nu bittinneessiisaaf, hiyyeeyyii dhokataneeranu fixanee itti gammadiisaaf dhufane; ati woraanuma isaatiin sooressa isaanii woraante.
HAB 3:15 Yennaa ati fardoo teetiin abbaayaa dhidhiitte, abbaayaan raafante.
HAB 3:16 Ani waan kana duudii dhage'ee, roromme; qoonqoo tana irraa ta kaate hidhiin tiyya hollatte. Lafeen tiyya shante; miilli kiyyalle lelleqe. Te'uu malee yennaan worri nu miidhu adabamu haga dhuttu ossaan hin eegadha'a.
HAB 3:17 Muki harru'uu midhaan buusuu dhabulle, muki woyni'ii midhaan buusuu dhabulle, muki ejersaalle midhaan kennuu dhabulle, fichaan midhaan baasuu dhabulle, hooleen gooree keessaa dhabantulle duwwaa hattulle loon moonaa keessaa dhabamanulle,
HAB 3:18 tun marti teetulle ani Mootii Waan Maraatitti hin gammada; Waaqa fayyisaa kiyyatti gammadee firinxiixa.
HAB 3:19 Mootiin Waan Maraa Waaqi hunna tiyya. Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa; gaara irralle akka deemu na hin godha. Sooressitoota faarsitootaatiif: Meya ribu'uutiin ta faarfatantu.
ZEP 1:1 Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara Yosiyaasiin ilmi Amoonii mootii Yihuda'aa te'eeruun gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, akaakoo Gedaaliya'aa, abuuboo Amaariya'aa, abutturroo Hisqiyaasii dhufe.
ZEP 1:2 Mootiin Waan Maraa, «Ani waan mara lafa irraa haxowee hin balleessa;
ZEP 1:3 namaa fi horii, allaatotaa fi qurxummiille haxowee hin balleessa; worra hamoolee garagaggalchee, sanyii namaa lafa irraa hin balleessa.
ZEP 1:4 «Ani kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa mara hin adaba. Baraaree worra Ba'aal waaqonfatuutii fi maqaa hayyoota isa tajaajiltuu achii hin balleessa.
ZEP 1:5 Worra heellichoo manaa gubbaa bayee aduu, ji'aa fi urji'iif sagadu hin balleessa. Worra na waaqonfataa maqaa kiyyaan kakataa, achiin duuba ammoo maqaa waaqa dharaa Miilkomiitiin kakatulle hin balleessa.
ZEP 1:6 Worra ana Waaqa hordofuu didee duubatti deebi'e, worra na hin barbaadanne yookiin akka isaan sooressu worra na hin gaafanne hin balleessa» jedhe.
ZEP 1:7 Guyyaan Goottaa Mootii Waan Maraa waan dhikaateef, Mootii Waan Maraa duratti cadhisa'a! Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii akka horii ciinca'aaf qalamuu dabarsee kenniisaaf qopheesseera; inni diina kolbaa Yihuda'aa saamu adda baasee qopheesseera.
ZEP 1:8 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa ciinca'aa sanitti ani Mootiin Waan Maraa qondaaltotaa fi ilmaan mootichaatii fi worra waaqota orma waaqonfatu maraayyuu hin adaba.
ZEP 1:9 Guyyaa san worra gulantaa balbalaa irra utaalu mara, mana goottolee ifii meyaan guutiisaaf, worra wo hatuu fi nama ijjeesu mara, guyyaa sanitti ani hin adaba» jedha.
ZEP 1:10 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa sanitti, karra karra qurxummi'ii jedhantu duraa, iyyi, kutaa qacha'aa haareya keessaa, wiiccifati, kooba irraa qoonqoo waan caccabuu guddoo hin dhageettan.
ZEP 1:11 Isin worri addee dikko'oo keessa leetanu, daldaltooti teessan martinuu waan badaneef, worri meetii daldalanu martinuu waan du'aneef wiiccifadha'a!
ZEP 1:12 «Guyyaa sanitti ani issa'aan Yerusaalem hin barbaada; namoota isi'ii worra akka daadhii woyni'ii ta cumaa irratti hattee te'ane, worra, ‹Waaqi waan dansaa yookiin hantuulle hin huju› jedhee yaadu hin adaba.
ZEP 1:13 Karri isaanii hin saamama; manni isaanii hin diigama; mana hin ijaarratan; ammoo keessa hin le'anu; muka woyni'ii hin dhaabbatan; ammoo daadhii muka woynii sanii hin unanu» jedha.
ZEP 1:14 Guyyaan Mootii Waan Maraa guddaan dhikaateera; ariifatee dhufaara; guyyaan sun guddoo ka sodaachisu; guyyaa Mootii Waan Maraa sanitti loltooti jajjabootinuu sodaatanee, iyya jadduu iyyan.
ZEP 1:15 Guyyaan sun guyyaa mufi'ii, guyyaa gargalaatii fi farriisaa, guyyaa diigamaatii fi badi'ii, guyyaa dimimmisaatii fi dukkanaa, guyyaa duumensaatii fi dukkana dimmaa ti;
ZEP 1:16 guyyaa san qachoota kushee dhaka'aa qabanuu fi xelleephoo dhaka'aa dhedheertuu irratti qoonqoon tultulla'aatii fi iyya lolaa hin dhage'ama.
ZEP 1:17 Mootiin Waan Maraa, «Ani namoota irratti gaargala hin fida, isaan ana Mootii Waan Maraa waan yakkaneef, akka namoota balla'aa hin deeman; dhiigi isaanii akka buku'uu hin lola'a; reeffi isaanii akka kosi'ii hin gatama» jedha.
ZEP 1:18 Guyyaa mufii Mootii Waan Maraa sanitti meetiin isaanii yookiin worqiin isaanii isaan fayyisuu hin dande'anu; biyyi lafaa duudiin ibidda aarii isaatiin hin baddi; inni worra lafa irra le'anu mara dedhuma hin fixa.
ZEP 2:1 Isin gosa qaanii hin qanne, wolitti qabama'aa, wolitti dacha'a'a!
ZEP 2:2 Akka huura qilleensaan haxowamuu adoo hin haxowamin, mufiin Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeettu adoo isinitti hin dhufin, guyyaan mufii Mootii Waan Maraa jabaan adoo isinitti hin dhufin wolitti qabama'a!
ZEP 2:3 Isin worri gad ifi qabee lafa irra le'u, ka ajaja isaatiif ajajantanu, hujii balchittii huja'a; Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaba'a! Guyyaa mufii isaa san isin hin milixxan fa te'a.
ZEP 2:4 Qachaan Gaaza'aatii fi Ashiqalonii duwwaa hin te'an; kolbaan Ashidoodii orra'aan oofamanee hin bayan, kolbaan Eqroonille qachaa ifii keessaa hin oofaman.
ZEP 2:5 Ee, worra abbaayaa qarqaraa gosa Keretii isiniif aanne'e! Ee, Kana'aanii lafa Filisxeemotaa, «Ani isin hin balleessa; nami tokkolle hin hafu» ka jedhu, jechi Mootii Waan Maraa isin irratti dubbatameera.
ZEP 2:6 Latti teessan ta abbaayaa qarqaraa addee horiin dheeedu, kaloo tissitootaatii fi gooree hooloti itti galanu hin teeti.
ZEP 2:7 Sanyiin Yihuda'aa baraareen hatte lafa abbaayaa qarqaraa teeti san hin qabatan. Horiin isaanii achi hin dheedan; tissitooti halkan mana worra Ashiqalonii keessa hin bulan. Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii isaaniif hin yaadata; worra isaan duraa booji'amelle isaaniif hin deebisa.
ZEP 2:8 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, «Ani murgoo worra Mo'aabii, arraba worra Amooniille ka isaan kolbaa tiyya arrassanee, lafa isaanii qabatiisaaf itti kooranelle dhage'eera.
ZEP 2:9 Tanaaf, ani dhugumaan jiraata'a; worri Mo'aabii akka worra Sodoomii worri Amooniille akka worra Gomora'aa addee midhaan ijjumaa itti hin lannee fi addee boolla sooddaa, addee haga bara baraa diigante hin te'an; kolbaan tiyya worri lubbu'uun hafe karra isaanii hin saaman; lafa isaanille hin dhaalan» jedha.
ZEP 2:10 Kolbaan Mo'aabiitii fi Amoonii kolbaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dadee irratti murganee waan kooraneef gatii koora ifii hin dhaggatan.
ZEP 2:11 Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa ka lafa isaanii mara yennaa balleessu, isaan biratti ka sodaatame hin te'a; gosi biyya adda addaa ta cinaa abbaaya'aatii fi oddoolotaa marti tokko tokkoonuu addee jiranutti isaaf hin sagadan.
ZEP 2:12 Isinille, ee worra Itoophiya'aa! Shallaagaa kiyyaan hin ijjeefantan.
ZEP 2:13 Inni hunna ifiitiin worra kaabaa Asoor hin balleessa; Nanawweelle onsee akka goomole'ee hin gossa.
ZEP 2:14 Hori'ii fi bineensoti adda addaa achi hin ciisan; urungu'uu fi harraaqessi utubaa isi'ii irra hin bulan; qoonqoon isaaniille karaa foddaa manaatiin hin dhage'ama; karaa balbalaatiin kosiin hin tuulama. Utubaan dareeraa ka hindheensaa duwwaa hin hafa.
ZEP 2:15 Qachaan kun ka nageyaa fi gammadaan le'u; ka ifiin, «Ana malee nami dhibiin hin jiru» jedhee yaade, amma ammoo attamiin addee ona bineensi keessa le'u te'e? Worri karaa san dabaru martinuu, harka ifii ol qabee itti hin murga.
ZEP 3:1 Qachaa Yerusaalemii cubbicha, batticha nama cunqursuuf aanne'e!
ZEP 3:2 Inni namaaf hin dhage'u; gorsa namaa hin fudhatu; Mootii Waan Maraatitti hin addatu; gara Waaqa ifiille hin dhikaatu.
ZEP 3:3 Qondaaltoti isaa akka neenqa dhangaa dhowuu ti; abbootiin mura'aa ta isaalle akka yayyii galgalaa ta womaa boruuf hin hamburannee ti.
ZEP 3:4 Raagoti isaa koorameeyyi'i; isaan worra hin addatanne; hayyooti isaa waan woyyuu te'e batteessan; seeralle hin dassan.
ZEP 3:5 Mootiin Waan Maraa balchichi ammoo isa keessa jira; inni dokonkora hin qabu; inni ganama mara muraa dhuga'aa mura; guyyuma guyya'aan hin dadhabu; dabaaleyyiin ammoo qaanii hin beekanu.
ZEP 3:6 Mootiin Waan Maraa, «Ani gosa biyya adda addaa balleesseera; Xelleephoo isaanii diigeera; karaa isaanii akka nami tokkolle irra hin ideenne duwwaa godheera; qachooti isaaniille onee ka nami tokkolle keessa hin jirre te'aneeran.
ZEP 3:7 Ani, ‹Dhugumaan qachaan Yerusaalemii na hin sodaata; adabbii tiyyalle hin fudhata; worri achi keessa jiranulle ijjumaa hin badanu; adabbiin tiyya martille isaan hin dhaqqaddu› jedheeraayyu; qachaan sun ammoo ammalle hujii hantuu san hujiisaaf dharraa qaba.
ZEP 3:8 «Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani dhugaa baasiisaaf ka'u sanitti na eegadha'a! Ani gosa biyya lafaa wolitti qabiisaaf, mootummootalle wolitti raree, aarii tiyya ta bobeettu maraayyuu isaan irratti dhangalaasiisaaf murteeffadheera; biyyi lafaa martinuu hinaaffaa tiyya ta akka ibiddaatiin hin gubatti› jedheera.
ZEP 3:9 «Yennaa san ani kolbaa gosa biyya adda addaa mara maqaa kiyya akka waamanu, harka wol qabatanee akka ana tajaajilanu dubbii qullittii akka dubbatanu isaan hin godha.
ZEP 3:10 Kolbaan tiyya worri bittinnowe, na waaqonfatiisaaf, lagoota Itoophiya'aa gamaa, kennansa naaf hin fidan.
ZEP 3:11 Guyyaa sanitti ani worra koora ifiititti gammadu odduu teessanii waan baasuuf, isin waan na yakkitane san maraaf hin qaanottanu; gaara kiyya woyyicha irrattille haganaa achi ifi hin saaddanu.
ZEP 3:12 Kolbaa gad ifi qadduu fi ta hin koorre, ta ana Mootii Waan Maraatitti addattu ammoo isin oddu'utti hin hambura;
ZEP 3:13 Israa'elooti worri hafane haganaa achi hin yakkanu; dharalle hin dubbatanu; namalle hin sobanu; isaan nyaatanee hin irkatan; ka isaan sodaachisulle hin jiru» jedhe.
ZEP 3:14 Ee gumii Xiyoonii, faarfadha'a; ee kolbaa Israa'elii iyya'a! Ee kolbaa Yerusaalemii, gadhaa tokkochaan gammadaan ilillisa'a!
ZEP 3:15 Muraa isinitti murate san Mootiin Waan Maraa isin irraa kaaseera; diinota keessanille si irraa deebiseera; Mootiin Waan Maraa mootiin Israa'elii isin woliin waan jiruuf, haganaa achi miidhaa tokkolle hin sodaattanu.
ZEP 3:16 Guyyaa sanitti namooti Yerusaalemiin, «Ee Xiyoon hin sodaatin! Harki keeti hin laashowin!
ZEP 3:17 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira; hunni isaa injifannoo sii kenniti; inni guddoo sitti hin gammada; jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa; inni faaru'uun si'itti hin gammada» hin jedhan.
ZEP 3:18 Mootiin Waan Maraa ammalle, «Akka kolbaa guyyaa jilaa gammadduu, si gammachiisa. Ani muraa isin irratti ba'aa teete isin irraa hin kaasa.
ZEP 3:19 Ani yennaa sanitti worra isin cunqursu maraayyuu hin adaba; worra naafa hin fayyisa; worra bittinnowelle wolitti hin qaba. Qaanii isaanii gara ulfinnaa jijjiiree, biyyi lafaa duudiin isaan hin leellitti.
ZEP 3:20 Yennaa sanitti ani wolitti isin qabee, biyya teessanitti isin hin galcha; boojuu teessan, adoo isin ilaaltanuu isiniif hin deebisa. Ani kolbaa gosa adda addaa ta lafa irraa mara oddu'utti, ulfinnaa fi leellisa akka dhaggattanu isin hin godha» jedha.
HAG 1:1 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a jayeesso'oo keessatti guyyaa qaraa, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin, ilma She'altii'elii Zarubaabel ka biyya Yihuda'aa bulchuu fi ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha guddaa te'eeruuf dubbate.
HAG 1:2 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade Haage'een, «Kolbaan tun, ‹Yennaan Galmi Waaqaa deebi'ee ijaaramu hin geenne› jetti» jedhe.
HAG 1:3 Tanaaf Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee,
HAG 1:4 «Kolbaa tiyya! Manni kiyya diigameeruun, isin ifiif mana keessan ka seefamee ijaarameeru keessa le'uun yenna'aa ree?
HAG 1:5 Me haala keessa jirtanu ilaala'a!
HAG 1:6 Bacaa facaafattanee, diqqaa galfattane; hin nyaattan, ammoo hin quuttanu; hin untan, ammoo dheebuu hin baatanu; woli irratti uffattan, ammoo boojjii hin baatanu; mindaan isin hujjanee dhaggattanulle akka waan subba urata qabu keessa keyanee ti.
HAG 1:7 Kun maaf akka isin irra geye ilaala'a!
HAG 1:8 Amma gara koobotaa ol baya'a; muka mura'aatii fida'a; Galma kiyya deebisa'aatii ijaara'a; anille itti hin gammada, ittille hin galateeffama.
HAG 1:9 «Isin bacaa galfanna jettanee yaadattane; ammoo diqqaa galfattane. Waan isin galfattane sanuu, ani afuufee balleesse. Ani maaf tana godhe seetan? Galmi kiyya diigameeruun, isin martinuu mana keessan ijaaratiisaaf olii gadi waan fiiddanuuf tun teete.
HAG 1:10 Tanaaf bokkeenni roobuu dhabee, lattille midhaan baasuu dhadde.
HAG 1:11 Ani lafa irratti, kooba irratti, midhaan irratti, muka woyni'ii irratti, muka ejersaa irratti, waan latti baattu duudii irratti, nama irratti, hori'ii fi waan harki keessan huje duudii irratti, oolaa fideera» jedhe.
HAG 1:12 Achiin duuba ilmi She'altii'elii Zarubaabelii fi ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun hayyichi guddaan, kolbaa boojuu irraa deebite duudii woliin jecha Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitii fi Haageen raagichi ka Mootii Waan Maraatiin ergameeru waan te'eef, ergaa karaa isaatiin erganteef ajajamane; kolbaalle Waaqa sodaatte.
HAG 1:13 Achiin duuba Haageen ergamaan Mootii Waan Maraa sun, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani isin woliin jira› jedha» jedhee, ergaa Mootii Waan Maraa kolba'aaf dabarse.
HAG 1:14 Maarre Mootiin Waan Maraa ayyaana ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatii fi ayyaana ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aa, akkasuma ayyaana kolbaa boojuu irraa deebite duudi'ii kakkaase. Isaanille Galma Waaqa ifii, ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dadee ijaariisa jalqabane.
HAG 1:15 Kunille Daariyos mootii te'ee, woggaa lammeesso'oo ji'a jayeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii arfeesso'ootitti te'e.
HAG 2:1 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a torbeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee,
HAG 2:2 «Ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aa, ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aatii fi kolbaa boojuu irraa deebiteen,
HAG 2:3 ‹Isin keessaa ulfinna Galma Waaqaa ka durii nami dhaggeeru jiraa? Amma inni maan isinitti fakkaata ree? Inni akka waan ijjumaa hin jirree tokkootii motii?
HAG 2:4 Amma ammoo Zarubaabel, jabaadhu! Ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'a, jabaadhu! Kolbaan biyya keessa jirtanu marti, ani isin woliin waan jiruuf, jabaadha'aa ijaara'a!› jedhi.
HAG 2:5 Biyya Gibxi'iitii yennaa baatane, ‹Ani isin woliin hin jiraadha› jedhee, akkuma waadaa isinii gale, ammalle Ayyaanni kiyya isin woliin waan jiruuf hin sodaatina'a.
HAG 2:6 «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Yennaa gabaadduu keessatti ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi lafa bisaan irra hin jirre ammalle hin tachoosa.
HAG 2:7 Gosa biyya adda addaa duudii hin tachoosa; karri isaanii duudiille akka as dhuttu hin godha; ani Galma Waaqaa kana ulfinnaan hin guuta.
HAG 2:8 Worqi'ii fi meetiin biyya lafaa duudiin tiyya.
HAG 2:9 Ulfinni Galma Waaqaa haareya kanaa ka durii hin caala; anille achitti kolbaa tiyyaaf nageya guutuu hin kenna› jedha» jedhii itti himi.
HAG 2:10 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a sagaleesso'oo keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa, karaa Haagee raagichaatiin ammalle dubbatee,
HAG 2:11 «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Me waan seerri jedhu hayyoota gaafadha'a!
HAG 2:12 Nami tokko foon woyyoome addee ciinca'aa irraa fuudhee woya'aan maree yoo qabate, maraan sunille daabboo yookiin ittoo, daadhii woyni'ii yookiin zayitii, yookiin sagalee dhibii yoo tuxxe, sagaleen tun duudiin tanaan hin woyyoontii?› jedha» jedhe. Hayyooti deebisanee, «Waawwo'o» jedhane.
HAG 2:13 Haageen ammalle, «Nami reeffa tuqiisaan battowe tokko, sagalee tana keessaa takkaa yoo tuqe, sagaleen tuqante sun hin battoottii?» jedhee isaan gaafate. Hayyootille, «Ee, hin battootti!» jedhanee deebisane.
HAG 2:14 Achiin duuba Haageen, «Kolbaan tun duudiin akkuma san; tanaaf hujii isaan hujjanuu fi wonni isaan addee ciinca'aa irratti dhiyeessanu ka battowe; tana Mootii Waan Maraatitti dubbate» jedhe.
HAG 2:15 Mootiin Waan Maraa, «Waan isin irratti te'e hin hubattanuu? Galma Waaqaa deebittanee ijaariisa adoo hin jalqabin dura,
HAG 2:16 midhaan kiiloo dhibba lama dhaggatiisaaf, gara tuulaa midhaanii dhaxxane, ammoo midhaan kiiloo dhibba tokko qofa dhaggatane; daadhii woyni'ii litirii dhibba tokko dhaggatiisaaf addee midhaan woyni'ii itti cunfanu dhaxxane, ammoo daadhii woyni'ii litirii afurtama qofa dhaggattane.
HAG 2:17 Ani isinii fi waan isin itti eloottane mara gugguufaa, dhukkuba midhaanii ka adda addaatii fi dhakaa bokkeyaatiin dhowe; isin ammoo ammalle cubbuu irraa hin deebine.
HAG 2:18 Ji'a sagaleesso'oo keessatti adha guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, guyyaa hundeen Galma Waaqaa hundeeffamee jalqaba'aatii me hubadha'a.
HAG 2:19 Midhaan sanyi'ii gootaraa keessa yoo hin jiraatin, muki woyni'ii, muki harru'uu, muki roomaaniitii fi muki ejersaa yoo haga ammaa midhaan hin buusin, ani guyyaa adhaatii jalqabee isin hin eebbisa» jedhe.
HAG 2:20 Ji'uma san keessatti guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yennaa lammeesso'oo Haage'etti dubbatee,
HAG 2:21 «Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatiin, ‹Ani ol-gubba'aa fi lafa hin tachoosa;
HAG 2:22 barcumaa moototaa garagaggalcha; hunna mootummoota gosa biyya adda addaa hin balleessa; worra garreettaa fardaan harkifamu oofuu fi garreettaa isaanii garagaggalcha; fardoon isaanii hin dhumatti; abbootiin fardo'oolle wol hin ijjeetti;
HAG 2:23 Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, si tajaajilaa kiyya ilma She'atii'elii Zarubaabel filadhee akka chaappaa kiyya ka qube'ee si godhadha› jedha» jedhe.
ZEC 1:1 Bara Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a saddeetesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa akaakoo Iddoo dhufee,
ZEC 1:2 «Mootiin Waan Maraa, abbootii teessanitti guddoo aareeraayyu.
ZEC 1:3 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Gara kiyya deebi'a'a!» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Anille gara keessan hin deebi'a» jedha› jedhiin.
ZEC 1:4 Isin akka abbootii teessan ta durii, ta raagoti durii, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Karaa keessan hamaa irraa, hujii teessan hantuu irralle'ee deebi'a'a!» jedha› jedhanee adoo isaanitti himanuu, na dhage'iisa yookiin naaf ajajamiisa dhabane sanii hin ite'ina'a! Tana ana Mootii Waan Maraatittuu dubbate.
ZEC 1:5 Abbootiin teessan amma eessa jiran? Raagoti bara baraan hin le'anii ree?
ZEC 1:6 Dubbii tiyyaa fi qajeelcha kiyya ka ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin ajaje eegatuu dhabiisaan ammoo, adabamanee hin jiranuu ree? Tanaaf isaan cubbuu ifii irraa deebi'anee, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, akkuma murteessetti akka huji'ii fi ideensa keennaatitti nutti mure› jedhane» jedhe.
ZEC 1:7 Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a kudha tokkeessoo ka «Shebaax» jedhamutti, guyyaa diddamii arfeesso'ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa Iddoo dhufe.
ZEC 1:8 Ani Zakaariyaas halkan san mudhi'iin nama farda arrowa irra tee'eeru tokko dhagge; inni mukoota dakkaraa odduu, dhooqa keessa dhaabbateera; duuba isaatille'een fardi arroonni, fardi boorrii fi fardi adiin jiraniiyyu.
ZEC 1:9 Anille, «Ee goottaa kiyya, fardoon tun maan?» jedhee gaafadhe. Inni deebisee, «Isaan maan akka te'ane ani si'itti hin mudhisa» jedhe.
ZEC 1:10 Maarre namichi mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru sun deebisee, «Isaan worra Mootiin Waan Maraa lafa qorqoriisaaf ergeeru» jedhe.
ZEC 1:11 Isaanille ergamaa Mootii Waan Maraa ka mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru saniin, «Nuuti lafa duudii qorqorreerra; latti duudiin nageya» jedhane.
ZEC 1:12 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara Dadde! Ati qachaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa ka woggaa torbaatama itti mufatte kana, ka hin mararre haga yoomiiti ree?» jedhe.
ZEC 1:13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, ergamaa na woliin dubbatiisatti jiru sanitti, dubbii gammachiittuu fi jajjabeessitu deebise.
ZEC 1:14 Tanaaf ergamaan na woliin dubbatiisatti jiru sun anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif guddoo hinaafeera;
ZEC 1:15 ani kolbaa tiyyatti diqqoo aareeraayyu; gosi biyya adda addaa worri nageyaan le'a ifi seyu ammoo, ittuma dabalee hantuu waan hujjeef, guddoo itti aareera.
ZEC 1:16 Tanaaf ani mararti'iin gara qachaa Yerusaalemii hin deebi'a; manni kiyyalle deebi'ee hin ijaarrama; wodaroon miki'ii Yerusaalem ijaariisaaf hin diriirfama; waan kana ana Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadetti dubbate› jedhii lallabi» jedhe.
ZEC 1:17 Ammalle ergamaan, anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Qachooti kiyya waan dansa'aan deebi'anee hin guutaman; Mootiin Waan Maraa ammalle Xiyoon hin jajjabeessa; Yerusaalemille hin fooyata› jedhii lallabi» jedhe.
ZEC 1:18 Ani ol ilaalee gaafota afur dhagge.
ZEC 1:19 Ergamaa na woliin dubbate saniin, «Gaafoti kun maan?» jedhee gaafadhe. Innille deebisee, «Gaafoti kun kolbaan Yihuda'aa, kolbaan Israa'eliitii fi Yerusaalemii akka bittinnowanu ka godhe» anaan jedhe.
ZEC 1:20 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa namoota sibiila tumanu afur natti mudhise.
ZEC 1:21 Anille, «Isaan maan godhiisaaf dhufane?» jedhee gaafadhe. Innille deebisee, «Isaan, kolbaa biyya adda addaa ta lafa Yihuda'aa ijjumaa balleessitee, kolbaa isi'iille bittinneessitee, bararassiisaa fi jissiisaaf dhufane» jedhe.
ZEC 2:1 Ani ol ilaalee, nama wodaroo miki'ii harkatti qabateeru tokko dhagge.
ZEC 2:2 Anille, «Eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafadhe. Inni deebisee, «Yerusaalem hagam akka badhattuu fi hagam akka dheerattu mikee ilaaliisa dhaqaara» naan jedhe.
ZEC 2:3 Achiin duuba ergamaa na woliin dubbate sun gara duraa deemuun, ergamaan dhibiin isa wolde'iisaaf dhufee,
ZEC 2:4 «Rukkisiitii dargaggeessa saniin, ‹Yerusaalem keessa kolbaa heddu'uu fi horiin hedduun waan jiranuuf qachaa dalleenni dhaka'aa itti hin ijaaranne teeti.
ZEC 2:5 Ani adaala Yerusaalemiititti dalleya dhaka'aa ka ibiddaa hin te'a; isii keessattille ulfinnaa hin te'aaf› jedha Mootiin Waan Maraa» jedhiin.
ZEC 2:6 Mootiin Waan Maraa, «Ani maddii afurittuu waan isin bittinneesseeruuf, lafa kaabaatii baqadha'a! Baqadha'a!
ZEC 2:7 Isin worri booji'antanee Baabilon keessa leetanu gara Yerusaalemii deebi'a'a!
ZEC 2:8 Nami isin tuqu gumaa ila tiyyaa tuqa» jedha; kana Mootii Waan Maraatittuu dubbate. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ulfinna naaf kennee, gosa biyya adda addaa ta isin saantetti na ergee,
ZEC 2:9 «Kunoo, ani harka kiyya isaan irratti ol hin fudhadha; garbooti isaaniille isaan hin saaman» jedha. Achiin duuba isinille Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka na erge hin beettan.
ZEC 2:10 Mootiin Waan Maraa, «Isin kolbaa Xiyoonii, kunoo ani dhufee odduu teessan waan le'uuf, ilillisa'aa gammada'a» jedha.
ZEC 2:11 Guyyaa san gosi biyya adda addaa hedduun gara Mootii Waan Maraa dhufanee, gosa isaa hin te'an. Innille odduu isaanii hin le'a; akka Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan na erge hin beettan.
ZEC 2:12 Mootiin Waan Maraa lafa woyyittii keessaa Yihudaa lafa ifii hin godhata; ammalle Yerusaalem hin filata.
ZEC 2:13 Mootiin Waan Maraa addee woyyittii ifiitii waan dhufaaruuf, kolbaan duudiin isa duratti cadhisa'a.
ZEC 3:1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Hayyichi Guddaan Iyaasuun ergamaa Mootii Waan Maraa dura dhaabbateeruun, Seexannille Iyaasuu himatiisaaf midda isaatitti dhaabbateeruun natti mudhise.
ZEC 3:2 Ergamaan Mootii Waan Maraa Seexanaan, «Seexana, Mootiin Waan Maraa si xixu! Mootiin Waan Maraa ka Yerusaalem filate si xixu! Namichi kun akka muka ibidda irraa butameetii motii ree?» jedhe.
ZEC 3:3 Yennaa san Iyaasuun woyaa xurootte uffatee, ergamaa Mootii Waan Maraa dura dhaabbateera.
ZEC 3:4 Ergamaan sun worra isa dura dhaabbateeru saniin, «Woyaa isaa xuroottuu san irraa baasa'a!» jedhe; Iyaasuulle'een, «kunoo, ani cubbuu teeti si irraa balleesseera; woyaa ulfinnaalle sitti hin uffisa» jedhe.
ZEC 3:5 Achiin duuba ani, «Marata mata'aa qulqulluu mataa isaatitti mara'a!» jedhe; isaanille adoo ergamaan Mootii Waan Maraa achi dhaabbateeruu, marata qulqulluu itti maranee, woyaalle itti uffisane.
ZEC 3:6 Eega san ergamaan Mootii Waan Maraa Iyaasuu ifi eeggachiisee,
ZEC 3:7 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Deensi keeti akka fedha kiyya yoo te'e, waan ani si ajaje yoo eeggatte, Galma kiyyaaf bulchaa, badhinna dalleya kiyya keessaa mara irratti itti gaafatamaa hin teeta. Ergantoota Mootii Waan Maraa ta as dhaabbataneeranu oddu'utti mirga si'iif hin kenna.
ZEC 3:8 Iyaasuu hayyicha gudda'a, dhage'i! Isin worri hayyumma'aan isa woliin tajaajiltanuu fi waan dansaa gara duraa te'uu jiruuf, beessisa teetane dhage'a'a: ani kunoo, dameen Daawitii garbichi kiyya akka dhufu hin godha.
ZEC 3:9 Kunoo, ani dhakaa iloo torba qabu tokko Iyaasuu dura hin keya; ani dhakaa san irratti barreeffama, «Ani guyyaa tokkotti yakkaa lafa tanaa irraa hin balleessa» jedhu hin barreessa.
ZEC 3:10 Guyyaa san nami tokko tokkoonuu, muka woyni'iitii fi haru'uu jalatti ollaa ifii hin affeera› jedha» jedhe.
ZEC 4:1 Ergamaan na woliin dubbataa ture sun deebi'ee dhufee, akka nama hirriibaa nama dammassuu na dammassee,
ZEC 4:2 «Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate. Ani deebisee, «Waan issaan irra keyamu ka worqii qofaan hujame, ka qoriin mataa isaa irra jirtu dhagga; issaan sun tokko tokkoon isaatuu uujjummee torba mataa irraa qaba.
ZEC 4:3 Waan issaan irra keyamu bira, muki ejersaa lama middaa fi bitaa qori'iititti jira» jedhe.
ZEC 4:4 Anille ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru saniin, «Ee goottaa kiyya, wonni kun maan inni?» jedhee gaafadhe.
ZEC 4:5 Innille, «Ati wonni kun maan akka te'e hin beettu?» jedhee na gaafate. Anille, «Ani hin beeku, goottaa kiyya» jedheen.
ZEC 4:6 Jechi Mootii Waan Maraa ka ergamaan Waaqaa akka ani Zarubaabelitti himuuf natti hime kana: «Ayyaana kiyyaan malee hunnaa fi jabeennaanii moti.
ZEC 4:7 «Ee, gaara gudda'a! Ati maan! Ati Zarubaabel duratti lafa dirree hin teeta; yennaa inni dhakaa ittiin ijaaranee muummessanu lafaa ol fuudhu, namooti ‹Attam dansa'a! Attam dansa'a!› jedhaa gammadaan hin iyyan» ka jedhu.
ZEC 4:8 Ammalle jechi Waaqaa gara kiyya dhufee,
ZEC 4:9 «Zarubaabel hundee Galma kanaa harka ifiitiin keyeera; harka ifiitiin ijaarsa kana hin fixa. Yennaa tun teetu Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka gara keessan na erge hin beettan.
ZEC 4:10 «Worri waan diqqoo dhaggane tuffatane, dhakaa tumbi'ii harka Zerubaabeliititti yennaa dhagganu hin gammadan; issaan torba kun ila Mootii Waan Maraa torba ta lafa duudii dhaggitu» jedhe.
ZEC 4:11 Achiin duuba ani, «Muki ejersaa lamaan ka waan issaan irra keyamu middaa fi bitaa jiru kun maan» jedhee ergamaa Waaqaa gaafadhe.
ZEC 4:12 Ammalle ani, «Dameen muka ejersaa lamaan, ka uujjummee worqi'ii lamaan cina'aa zayitii ejersaa yaasanu maan?» jedhee gaafadhe.
ZEC 4:13 Inni anaan, «Ati wonni kun maan akka te'e hin beettu?» jedhe. Anille, «Ee goottaa kiyya, hin beeku» jedheen.
ZEC 4:14 Achiin duuba inni, «Isaan lamaan kun Mootii Waan Maraa lafa maratti akka tajaajilanuuf worra muudame» jedhe.
ZEC 5:1 Ani ammalle yennaa ilaalee, kitaaba maramaa tokko gubbaa irra ka'uun dhagge;
ZEC 5:2 ergamaan Waaqaa, «Ati maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate; anille deebisee, «Kitaaba maramaa dheerinni isaa ciqilee diddama, badhinni isaa ciqilee kudhan te'e tokko gubbaa irra ka'uun dhagga» jedheen.
ZEC 5:3 Innille, «Kun abaarsa lafa duudii irratti dhufu. Kitaaba maramaa san gama tokko irratti, ‹Nami hatu duudiin lafa irraa hin bada› ka jedhutti jira; gama kaan irralle'etti ‹Nami dharaan kakatu duudiinille hin bada› ka jedhutti jira.
ZEC 5:4 Mootiin Waan Mara Ka Waan Mara Dade, ‹Ani abaarsa gara mana nama hatuutii fi gara mana nama dharaan kakatuu seenu hin erga; inni mana isaanii keessa turee, mana isaanii mukaa fi dhakaa isaalle hin balleessa› jedha» jedhe.
ZEC 5:5 Achiin duuba ergamaan Waaqaa gara kiyya dhufee, «Ol ilaal! Wonni dhufaaru kun maan inni?» anaan jedhe.
ZEC 5:6 Anille, «Wonni kun maan?» jedhee gaafadhe. Inni deebisee, «Kun kollonjoo cubbuu lafa duudii irratti hujantu mudhisu» jedhe.
ZEC 5:7 Qadaadi saaxara'aa ka irsaasa irraa hujame sun yennaa baname, dubartittiin takka saaxaraa san keessa teetteertuun dhagge.
ZEC 5:8 Ergamaan Waaqaalle, «Dubartittiin tun hammeenna mudhitti» jedhee, isii saaxaraa san keessa gad dhiibee, qadaaddaa saaxara'aa itti qadaade.
ZEC 5:9 Achiin duuba ol ilaalee, dubartooti lama koolaan ka'aa gara kiyya dhuttuun dhagge; koolli isaanii akka koola qonga'aa jira; isaan saaxaraa san fuudhanee lafa irraa ka'anee, gubbaa irra koolaan ka'ane.
ZEC 5:10 Anille ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiruun, «Saaxaraa eessa geessaaran?» jedhee gaafadhe.
ZEC 5:11 Inni deebisee, «Mana saaxaraa saniif ijaariisaaf gara Baabilonii geessaaran; mana ijaaranee fixaneen duuba saaxaraa san achi keyan» anaan jedhe.
ZEC 6:1 Ani ammalle ol ilaalee, garreettaan fardaan harkifamu afur gaarota sageettu'uu lamaan wodhakka'aa bayanee dhufanuun dhagge.
ZEC 6:2 Garreettaan fardaa ka qaraa fardoo arrowaan, garreettaan lammeesso'oo fardoo daama'aan,
ZEC 6:3 ka sadeesso'oo fardoo bororaan, ka arfeesso'oo fardoo buburre'een harkifamaniiyyu; marti isaaniituu jajjaba.
ZEC 6:4 Achiin duuba ani ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiruun, «Ee goottaa kiyya, garreettaan fardaa kun maan?» jedhee gaafadhe.
ZEC 6:5 Inni deebisee, «Isaan kun qilleensa ol-gubba'aa ka maddii afurii ti; isaan worra Goottaa lafa duudi'ii tajaajiliisa irraa dhufane» anaan jedhe.
ZEC 6:6 Garreettaan fardoo gugurraayye'een harkifamu gara kaabaa, ka fardoo adaadi'iin harkifamu gara seensa adu'uu, ka fardoo buburre'een harkifamu gara kibbaa deemaaraniiyyu.
ZEC 6:7 Fardoon jajjabi yennaa baate, lafa qorqoriisaaf worraaqatteertiiyyu. Ergamaan Waaqaa isaaniin, «Lafa duudii keessa deddeema'a» jedhe. Isaanille lafa duudii keessa deddeemane.
ZEC 6:8 Achiin duuba ergamaan Waaqaa na waamee, «Fardoon gara kaaba Baabilonii dhaxxe, mufiin Waaqaa akka qabbanoottu goote» jedhe.
ZEC 6:9 Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
ZEC 6:10 «Heldaayi, Xobiiya'aa fi Yedaa'iyaa worra biyya Baabiloniititti booji'amanee deebi'ane irraa meeti'ii fi worqii fuudhiitii, gaafasuma gara mana Yosiyaasii ilma Sefaaniya'aa dhaqi!
ZEC 6:11 Meeti'ii fi worqii fuute san kallacha hujiitii, mataa Iyaasuu hayyicha guddaa ilma Yozaadaaqii irra keyi.
ZEC 6:12 Achiin duuba Iyaasu'uun, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Namichi damee jedhamu tokko asi jira; inni addee ifii jirutti damee baafatee waan banqaaquuf, Galma Mootii Waan Maraa hin ijaara.
ZEC 6:13 Ka Galma Mootii Waan Maraa ijaaru isa. Ulfinna mooti'ii qabaatee, barcumaa mootumma'aa irra tee'ee hin bulcha. Hayyichi tokko barcumaa mootummaa isaa bira dhaabbata; isaan lamaanuu woliigalaa fi nageyaan hujan› jedha;
ZEC 6:14 kallachi isaalle Heelemiif, Xobiiya'aaf, Yedaa'iya'aaf, Heenii ilma Sefaaniyaatiif Galma Mootii Waan Maraa keessatti yaadannoo hin te'a.
ZEC 6:15 «Worri biyya fagoo le'anu, Galmi Waaqaa deebifamee yennaa ijaaramu qarqaariisaaf hin dhufan. Galmi Waaqaa yennaa deebifamee ijaarame, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan akka na erge hin beettan. Yoo isin guutumatti Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantane tun marti hin teeti» naan jedhe.
ZEC 7:1 Daariyos mootii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, ji'a sagaleesso'oo ka «Kisluu» jedhamu, guyyaa arfeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii dhufe;
ZEC 7:2 Kolbaan Bet'elii, worra Shaarezeriitii fi Regiimelekinii namoota isaanii woliin gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanee eebba Mootii Waan Maraa akka kadhatanuu fi
ZEC 7:3 «Akkuma woggaa heddu'uuf godhaa turre, ji'a shaneesso'ootitti, diigama Galma Waaqaatiif laamaa, bowuulle qannaa ree?» jedhanee hayyoota Galma Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetii fi raagota isaa, akka gaafatanuuf ergane.
ZEC 7:4 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee,
ZEC 7:5 «Kolbaa lafaa duudi'iitii fi hayyoota duudii, ‹Woggoota torbaatama dabarane keessa, ji'a shaneesso'ootii fi torbeesso'ootitti yennaa laamtanee, boottanelle dhuguma naaf laamtanee?
ZEC 7:6 Yennaa nyaattanuu fi untanu, ifumaafuu nyaataa unaa turtanee motii ree?
ZEC 7:7 «‹Yerusaalemii fi qachooti ollaa isi'ii duroomanee, yennaa namooti itti heddatane, namoota adaala ollaa qacha'aa le'anu qofa adoo hin te'in, ka kutaa kibbaatii fi kooba gara seensa adu'uu jalaatiifille, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagota duriitiin dubbate kanumaa motii ree?› jedhii gaafadhu» naan jedhe.
ZEC 7:8 Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya gara Zakaariyaasii dhufee,
ZEC 7:9 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muraa dhuga'aa mura'a; woli woliif arjooma'a; wolille'eef marara'a.
ZEC 7:10 Haadhotii hiyyeessaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne, orma, yookiin hiyyeeyyii hin miicina'a. Gadhaa keessan keessatti hantuu woliif hin yaadatina'a› jedha» jedhe.
ZEC 7:11 Isaan ammoo dhage'uu didanee, mataa jabaatane; akka hin dhageenneefille gurra ifii cuqqaalatane.
ZEC 7:12 Isaan seeraa fi jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade ayyaana ifiitiin karaa raagota duriitiin erge akka hin dhageenneef gadhaa ifii akka cabbi'ii jabeessane. Tanaaf mufiin guddoon Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee isaan irratti dhutte.
ZEC 7:13 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Yennaa ani isaan waame isaan na dhage'uu waan didaneef, anille yennaa isaan na waammatane isaaniif hin dhageenne» jedha.
ZEC 7:14 Kolbaa biyyaa adda addaa ta hin beenne keessa akka le'anu, akka bubbe'ee isaan bittinneesse. Latti dansaan isaan keessaa bayane sun ona teete; nami tokkolle achi keessa hin le'u; ittille hin galu. Akka kanaan latti sun onte.
ZEC 8:1 Jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee,
ZEC 8:2 «Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kolbaa Xiyooniitiif guddoo waan hinaafeef, diina isi'iititti guddoo aareera.
ZEC 8:3 Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, gaara Xiyoonii irra hin le'a. Yerusaalem, ‹Qachaa addatamaa› jedhantee hin waammanti; gaarri Xiyooniille gaara kiyya woyyicha jedhamee hin beekkama.
ZEC 8:4 «Namooti woggaa hedduu le'anee waan dulloomanuuf, jaarsaa fi jaartiin borjoo qabatanee, karaa Yerusaalemii keessa ammalle hin tetee'an.
ZEC 8:5 Karaan qacha'aalle ijoollee dhiiraatii fi durraa ta keessa taphattuun hin guutama.
ZEC 8:6 «Guyyoota kanatti worra hafeef wonni kun ta hin dande'anne yoo fakkaattelle, wonni naaf hin dande'anne jirtii ree?
ZEC 8:7 Ani kolbaa tiyya harka worra karaa biyya aduun baatuutii fi aduun seentuu jiranu jalaa baasee,
ZEC 8:8 Yerusaalem keessa akka le'anu deebisee isaan hin fida; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille addatamumma'aa fi balchumma'aan Waaqa isaanii hin te'a.
ZEC 8:9 «Isin worri yennaa Galmi Waaqaa deebi'ee ijaaramiisaaf hundeen keyamu, waan raagoti achi jirtu dubbatte dhage'iisatti jirtanu, Galma Waaqaa ijaariisaaf jabaadha'a.
ZEC 8:10 Yennaa saniin dura namaaf, horiille'eef gatiin dadhabbi'ii hin kaffalantuuyyu. Nami duudiin ollaa ifii irratti diinumma'aan akka ka'u ka'u waan godheef, eennulle bayiisaa fi galiisaaf nageya hin qabuuyyu.
ZEC 8:11 Amma ammoo worra hafe akka durii hin godhu.
ZEC 8:12 Isaan nageyaan sanyii facaafatan; woyniin midhaan ifii hin buuchi; latti midhaan hin kenniti; gubbaan rooba kenna; ani waan kana mara worra hafe kanaaf hin kenna.
ZEC 8:13 Isin worri Yihuda'aatii fi worri Israa'elii, dur kolbaa biyya adda addaa oddu'utti akka abaarsaatitti laakkowamaa turtane; ammaa ammoo ani abaarsa kana jalaa isin hin fayyisa, eebballe hin teetan; tanaaf jabaadha'a malee, hin sodaatina'a!
ZEC 8:14 «Yennaa abbootiin teessan ta durii na aarsite, marartii malee isin adabiisaaf murteeffadhe.
ZEC 8:15 Amma ammoo kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa eebbisiisaaf murteeffadheera; hin sodaatina'a.
ZEC 8:16 Wonni isin godhuu qaddanu kana: dhugaa wolitti dubbadha'a. Addee kora mura'aa keessaniititti muraa dhugittii ta nageya fiddu mura'a.
ZEC 8:17 Wol miidhiisaaf hin yaadatina'a. Dharaan hin kakatina'a. Ani kana duudii hin jibba» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
ZEC 8:18 Ammalle jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee,
ZEC 8:19 «Laam ji'a arfeesso'oo, ji'a shaneesso'oo, ji'a torbeesso'ootii fi ji'a kudhaneesso'oo worra Yihuda'aatiif jila gammadaatii fi ililleetti'ii hin te'a. Isin ammoo dhuga'aa fi nageya jaaladha'a.
ZEC 8:20 «Yennaan kolbaan hedduun qachaa hedduu keessaa gara Yerusaalemii dhuttu hin dhutti.
ZEC 8:21 Worri qachaa tokko keessa le'u, gara worra qachaa dhibii keessa le'uu dhaqee, ‹Kowa'a! Ariifannee dhandhee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u waaqonfannee, eebba isaa kadhanna, nuutille achi dhaqaarra› hin jedhan.
ZEC 8:22 Kolbaa heddu'uu fi gosi biyya adda addaa jajjabi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi eebba isaa kadhatiisaaf gara Yerusaalemii hin dhufan.
ZEC 8:23 Yennaa san gosa biyya adda addaa ka afaan gara garaa dubbatanu keessaa, namooti kudhan handaara woyaa Yihudicha tokkoo qabatanee, ‹Waaqi isin woliin akka jiru waan dhageenneef isin woliin hin deenna› hin jedhan» jedha.
ZEC 9:1 Dubbiin mura'aa ta Mootii Waan Maraa marroo biyya Hadraakiitiif dubbate qachaa Damaasqo'oolle geette. Ilti namootaatii fi gosa Israa'elii duudiin gara Mootii Waan Maraa hin ilaalti.
ZEC 9:2 Haamaati ta meessaa isaanii jirtu, Xiiroosii fi Sidoon guddoo qaroolee te'anulle gara isaa hin ilaalan.
ZEC 9:3 Xiiroos kushee ijaarratteerti; meetii akka biyye'ee, worqii akka dhoqqee karaa keessaa tuulatteerti.
ZEC 9:4 Mootiin Waan Maraa ammoo waan isiin qaddu mara irraa hin mulqa; karra isi'ii mara gara abbaaya'aa hin gata; isiille ibiddaan gubattee hin baddi.
ZEC 9:5 Worri Ashiqalonii tana dhaggee hin sodaata; worri Gaaza'aalle hin hollata. Worri Eqroonille addii hin kutata; worra Gaaza'aa keessaa mootiin hin dhabama; Qachaan Ashiqalonii hin ona.
ZEC 9:6 Kolbaan makante qachaa Ashidoodii keessa hin leeti. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u, «Ani koora Filisxeemotaa hin balleessa.
ZEC 9:7 Isaan haganaa achi foon dhiiga qabu yookiin sagalee dhooggante hin nyaatanu. Worri hafe Waaqa keennaaf hin te'a, biyya Yihuda'aa keessatti sooreyyii hin te'an. Worri Eqroonille akkuma worra Yibusootaa hin te'a.
ZEC 9:8 Ani mana kiyya, saantota irraa hin eegadha. Ani ila tiyyaan isaan waan eeguuf, nami isaan miicu, haganaa achi deebi'ee isaan keessa hin bayu» jedha.
ZEC 9:9 Kolbaa Xiyoonii, guddoo gammada'a! Kolbaa Yerusaalemii, ilillisa'a! Kunoo, mootichi keessan balchaan, injifataan, gad ifi qabee, ilmayyoo harre'ee irraa tee'ee, gara keessan hin dhufa.
ZEC 9:10 Mootiin Waan Maraa, «Ani Garreettaa fardaa Efreem keessaa, fardoo lolaa Yerusaalem keessaa hin balleessa. Guubeen lolaalle hin baddi; Mootichi keeti gosa biyya adda addaatiif, nageya hin lassa. Bulchiisi isaa abbaayaa irraa, haga abbaaya'aa, laga Efraaxiisii irraa haga dhuma lafaa ti.
ZEC 9:11 «Isiniif sababa gondooroo tiyya, ta dhiigaan isin woliin gondooreetiif jedhee, worra hidhamane keeti, boolla bisaan hin qanne keessaa, bilisa hin baasa.
ZEC 9:12 Isin worri hidhantanee, addi'iin jirtanu, gara addee nageyaa teessanitti deebi'a'a; ani adha addee duriititti dachaa lama isiniif hin deebisa.
ZEC 9:13 Ani Yihudaa akka guube'eetitti, Efreem akka daayaatitti, namoota Giriiki'ii loliisaaf, ilmaan Xiyoonii akka shallaaga'aatitti hin fayyadama» jedha.
ZEC 9:14 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin gubba'atti hin mudhata; daayi isaa akka balaqqeetti'ii hin utaala. Mootiin Waan Maraa Waaqi qoonqoo tultulla'aa hin dhageessisa; bubbee gara kibbaa keessa, itti hin ideema.
ZEC 9:15 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii irraa hin dhoogga; isaanille dhakaa looyya'aatiin diina ifii hin balleessan; akka nama daadhii woyni'ii unee machowee hin iyyan; akka qorii dhiiga ittiin fiffixanu ta roga addee ciinca'aa hin guutaman.
ZEC 9:16 Gaafas Mootiin Waan Maraa Waaqi isaanii akka tisseen horii ifii waan hantuu irraa fayyisu kolbaa ifii hin fayyisa. Isaan akka dhakaa gatii guddo'oo ka kallacha irraa lafa isaa keessatti hin calalaqan.
ZEC 9:17 Latti attam attam Shagga'aa fi dansa'a! Midhaanii fi daadhiin woyni'ii ta isii irraa dhaggantu, Dargaggeeyyii dhiiraatii fi durraa hin bisileessiti.
ZEC 10:1 Rooba furmaataa akka isinii kennuuf, Mootii Waan Maraa gaafadha'a; ka duumensa roobaa ergee, tiifuu roobaa isinii kennee, fichaa magariisa godhu Mootii Waan Maraa ti.
ZEC 10:2 Waaqoti dharaa waan gatii hin qanne dubbatan; worri moru mudhii dharaa dhaggan; oojjuu sobaalle himan. Isaan akkasumaan nama jajjabeessan; tanaaf kolbaan tissee dhaddee rakkattee, akka hoole'ee joonjiti.
ZEC 10:3 Mootiin Waan Maraa, «Ani tissitootatti guddoo aareera; sooressitootalle hin adaba. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hoolota tiyya kolbaa Yihuda'aa hin kunuunsa. Akka farda kiyya ka lolaa ka ittiin kooruu isaan hin godha.
ZEC 10:4 Kolbaa Yihuda'aa keessaa bulchitooti ta akka dhakaa roga ijaarsaa ta akka togaa dunkaanaatii fi guubee lolaa jiranu hin ka'an.
ZEC 10:5 Isaan wolumatti te'anee akka loltoota jajjabaa diinota ifii dhoqqee karaa keessaa irratti dhidhiitanee injifatanuu hin te'an. Mootiin Waan Maraa isaan woliin waan jiruuf isaan lola keessatti abbootii fardaa diinota hin qaanessan.
ZEC 10:6 «Ani kolbaa Yihuda'aa hin jabeessa; kolbaa Israa'eliille hin fayyisa. Ani isaaniif waan nawuuf, akka duriititti isaan hin deebisa. Isaan akka ani tanaan qara ijjumaa isaan lakkisee hin beennee hin te'an. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef, daadimata isaanii hin dhage'a.
ZEC 10:7 Kolbaan Efreemii akka worra jajjabaa hin te'an. Isaan akka nama daadhii woyni'ii unee hin gammadan. Ijoolleen isaanii tana dhaggitee hin gammaddi; gadhaan isaaniille Mootii Waan Maraatitti hin gammada.
ZEC 10:8 Ani kolbaa tiyya beessisaan waamee wolitti isaan hin qaba. Ani isaan waan woduuf akkuma durii laakkossa isaanii hin fakkansa.
ZEC 10:9 Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti isaan bittinneessulle biyya fagoo san jiraatanee na hin qaabatan. Isaanii fi ijoolleen isaanii jiraatanee, gara biyya ifii hin deebi'an.
ZEC 10:10 Ani biyya Gibxi'iitii deebisee isaan hin fida. Biyya Asoorii keessaalle'ee haga latti isaan dhiphattutti wolitti isaan qabadha. Gara biyya Giil'aadiitii fi Libaanonii deenisee isaan hin galcha.
ZEC 10:11 Yennaa isaan abbaayaa rakko'oo keessa dabaranu, ani danbalii hin dhowa. Qilee ka te'e lagi Nayilii hin goga. Asoor hin salphatti; Gibxille ulee bokku'uu ta mootumma'aa hin dhaddi.
ZEC 10:12 Ani kolbaa tiyya hin jajjabeessa. Isaanille jecha kiyyaaf hin ajajaman» jedha.
ZEC 11:1 Ee, Libaanon! Ibiddi muka hindheensaa keeti akka fixuuf balbala teeti bani!
ZEC 11:2 Muki hindheensaa waan jigeef, isin muki birbirsaa bowa'aatii wiiccifadha'a! Muki jajjabaan marti badeera! Gongomaan ciggaan waan cirameef, ee, qilxaa Baashaanii, bowiitii wiiccifadhu!
ZEC 11:3 Addeen horii tiffatanu waan isaan duraa baddeef, bowa worwaanata tissitootaa dhage'a'a! Gongomaan laga Yordaanosii waan badeef dhangaa dhowiisa neenqaa dhage'a'a!
ZEC 11:4 Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya anaan, «Hoolee qalmaaf qopheeffanteertu tiffadhu.
ZEC 11:5 Worri isaan bitatu yennaa isaan qaltanu hin adabamanu; worri isaan gurguratelle, ‹Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti! Nuuti duroonneera!› jedhan; tissitooti isaaniituu isaaniif hin nayanu;
ZEC 11:6 ani haganaa achi worra lafa irra le'u tokkolle'eef hin nayu; kunoo, ani tokko tokkoo isaaniituu harka olla'aa fi mootii isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaan biyya san hin balleessan; anille harka isaanii keessaa isaan hin baasu» jedha.
ZEC 11:7 Ani hoolee qalmaaf qopheeffante san, keessattuu worra miicamane saniif tissee te'e; ulee lamaan fuudhe; maqaa takkatti'ii, «Jaalatantuu», ta lammeesso'ootiin, «Tokkummaa» jedhee moggaase; hoolota sanille bobbaase.
ZEC 11:8 Ji'a tokko keessatti tissitoota sad ari'e; hooloti na jibbite; anille isaan hifadhe.
ZEC 11:9 Tanaaf ani holotaan, «Ani haganaa achii tissee keessan hin te'u. Ka du'anu du'anuu ti. Ka badanu badanuu ti. Ka hafanelle foon woli wolii nyaatanuu ti» jedhe.
ZEC 11:10 Achiin duuba gondooroo Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa woliin gondoore diigiisaaf, ani ulee tiyya ta, «Jaalatantuu» jedhantu fuudhee casse.
ZEC 11:11 Gaafasuma gondooroon diigante. Daldaltooti hoole'ee, ka na dhaggiisatti jiranu, kun jecha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane.
ZEC 11:12 Ani isaaniin, «Yoo feetane mindaa kiyya naa kenna'a; yoo hin fedhin ammoo lakkisa'a» jedhe. Isaanille mindaa kiyya meetii soddoma naaf kennane.
ZEC 11:13 Mootiin Waan Maraa anaan, «Meetii san saanduqa Galma Waaqaa keessa buusi!» jedhe. Tanaaf, «Mindaa geya'a» jedhanee ka isaan naaf kennane, meetii soddoma san fuudhee, saanduqa Galma Waaqaa keessa buuse.
ZEC 11:14 Achiin duuba tokkummaa Yihuda'aatii fi Israa'elii diigiisaaf, ulee tiyya lammeesso'oo ta, «Tokkummaa» jedhantu casse.
ZEC 11:15 Itti aansee Mootiin Waan Maraa anaan, «Meya tissitoota gowwoolee sanii fuudhi.
ZEC 11:16 Kunoo, ani tissee hoolee baddeef hin yaadanne, ilmoolee badde ka hin barbaanne, ka miidhamane ka hin fayyine, yookiin fayyaaleyyii ka hin tissine biyya irratti hin kaasa; inni ka coomane hin nyaata; qeenca isaaniille hin buqqisa.
ZEC 11:17 «Tissee gatii hin qanne, ka hoolota hin eenneef aanne'e! Shallaagaan, harka isaa middicha isa irraa kutuu ti! Ila isaa middittiille keessaa baasuu ti! Harki isaa ijjumaa goguu ti! Ilti isaa middittiin ijjumaa badduu ti!» jedhe.
ZEC 12:1 Dubbiin Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitiif dubbate tana: Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa diriirse, ka hundee lafaa hundeessee fi jiruu namaaf kenne,
ZEC 12:2 «Ani kunoo, Yerusaalem akka muduunuu daadhii woyni'ii hin godha; gosi biyya adda addaa ta adaala isi'ii, untee akka namoota machowanee hin gatantarti. Yennaa qachaan Yerusaalem marfamu qachaan Yihudaalle hin marfama.
ZEC 12:3 Yennaa gosi biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wolitti qabantu, ani akka dhakaa ulfaata'aa isii hin godha; worri isii ol kaasiisaaf wodhaanu duudiin ifi miidhan.
ZEC 12:4 Guyyaa san ani fardoo isaanii mara hin bararassa; abbootii fardo'oo hin maraacha; kolbaa Yihuda'aa hin eega; fardoo diina isaanii ammoo hin jaamsa.
ZEC 12:5 Achiin duuba sooreyyiin Yihuda'aa gadhaa ifii keessatti, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii ta Yerusaalem keessa leetuuf hunnaa hin kenna› jedhan.
ZEC 12:6 «Guyyaa san sooreyyii Yihuda'aa akka okkotee ibiddaa ta qoraan irratti tuulameetii fi akka umeessaa ibiddaa ka odduu ladde'eetitti bobe'uu isaan hin godha. Isaan kolbaa adaala sanii mara hin fixan. Kolbaan Yerusaalemii ammoo, nageyaan Yerusaalem keessatti hin hafan.
ZEC 12:7 «Ulfinni sanyii Daawitiitii fi ulfinni namoota Yerusaalem keessa le'anuu ka Yihuda'aa akka hin caalle, ani Mootiin Waan Maraa dursee mana gosa Yihuda'aatiif injifachaa hin kenna.
ZEC 12:8 Ani guyyaa san Mootiin Waan Maraa, worra Yerusaalem keessa le'u hin eega; isaan keessaa ka irra caalaa dadhaba'aatuu, akka Daawitii jabaa hin te'a. Sanyiin Daawitii akka ergamaa kiyyaa, akkuma kiyya isaan hin sooressan.
ZEC 12:9 Guyyaa san gosa biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wodhaantu mara balleessiisaaf hin barbaada.
ZEC 12:10 «Ani ayyaana mararti'iitii fi ayyaana daadimataa sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'u irratti hin dhangalaasa. Isaan ka woraanane san na hin ilaalan; akka nama mucaa tokkochaaf bowuutitti hin bowan; akka nama du'a ilma angafichaatiif guddoo gadduulle hin gaddan.
ZEC 12:11 Guyyaa san bootti guddoon, sanyii Hadaad Rimooniitiif dirree Megidoo keessatti teete sun, Yerusaalem keessatti hin teeti.
ZEC 12:12 Namooti lafa sanii akka maatii maatii ifiititti hin bowan; maatiin sanyii Daawitii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin sanyii Naataanii qofuu, niitoti isaanii qofuu,
ZEC 12:13 maatiin sanyii Lewwi'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin Sheme'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu,
ZEC 12:14 maatiin worra hafee duudiin qofuu, niitoti isaaniille qofuu hin bowan» jedhe.
ZEC 13:1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa san maddi cubbu'uu fi battummaa isaanii qulqulleessu, sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'anuuf hin banama.
ZEC 13:2 Guyyaa san maqaa waaqota dharaa lafa irraa hin balleessa; nami deebi'ee isaan qaabatu hin jiraatu; raagota dharaatii fi ayyaana battiille lafa irraa hin balleessa.
ZEC 13:3 Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, ‹Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du'uu qadda› jedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan.
ZEC 13:4 Guyyaa san raagaan tokko tokkonuu raaga mudhi'iin dhagge saniif hin qaanowa; namootalle sobiisaaf woyaa rifeensa qaddu hin uffatu.
ZEC 13:5 Inni, ‹Ani qonnaan bula'a malee, raaga'aa moti; ani ijoollumma'aan jalqabee nama lafa qotu› hin jedha.
ZEC 13:6 Nami tokko, ‹Madaan nafa keeti irraa tun maan?› jedhee yoo isa gaafate, inni deebise, ‹Mana jaala kiyyaatitti madowe› hin jedhan» jedha.
ZEC 13:7 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ee, shallaaga'a! «Tissee kiyya irratti, jaala ani addadhu irratti ka'i! Hooleen akka bittinnoottuuf, tissee dhowi! Ani harka kiyya, buruusoo irralle'etti hin deebifadha.
ZEC 13:8 Lafa duudii keessaa, kolbaa harka sad keessaa, harki lama dhowamee hin bada; teetuu malee harka sad keessaa, harki tokko hin hafa.
ZEC 13:9 Worra hafe harka sad san, ibidda keessa buusa; akkuma meetiin ibiddaan qulleeffantu, isaan hin qulleessa; akkuma worqiin ibiddaan haga ilaallantu, isaan haga hin ilaala. Isaan maqaa kiyya hin waaman anille isaaniif hin dhage'a. Ani, ‹Kolbaa tiyya› isaaniin hin jedha; isaanille, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqa keenna› hin jedhan» jedha.
ZEC 14:1 Guyyaan muraa Mootii Waan Maraa dhufaara; yennaa san saantoti waan isin irraa fudhatane, ila teessan duratti hin qoqoodaman.
ZEC 14:2 Mootiin Waan Maraa gosi biyya adda addaa duudiin Yerusaalem akka lolanuuf wolitti isaan hin qaba. Qachaan sun hin qabatama; manni hedduun hin saamama; dubartoota hin gudeedan. Kolbaan gamisi booji'antee deenti; worri hafe ammoo qachaa keessaa hin bayu.
ZEC 14:3 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akkuma dur lole gosa biyya adda addaa san loliisaaf hin ka'a.
ZEC 14:4 Guyyaa san miilli isaa gaara ejersaa ka Yerusaalem irraa gara aduun baatu jiru irra hin dhaabbata; gaarri ejersaa gara aduun baatu irraa haga gara aduun seentuu dhooqa guddo'oon addee lamatti hin qoodama; tanaaf gamisi gaaraa sanii gara kaabaa, gamisi gara kibbaatitti hin hiiqa.
ZEC 14:5 Isin dhooqa gaara addee lamatti qooddee haga Azeelii geettu keessa hin baqattan; akkuma bara Uziyaa mootii Yihuda'aa, abbootiin teessan tacho'a lafaa jalaa baqatte, isinille hin baqattan. Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya, ergantoota ifii duudii woliin hin dhufa.
ZEC 14:6 Guyyaa san ifi, boojjiin yookiin qorri hin jiraatu.
ZEC 14:7 Guyyaan adda te'e, ka guyyaa yookiin galgala hin qanne, ka Mootii Waan Maraatiin beekkame tokko hin ite'a. Yennaa galgaloottu, ifi hin te'a.
ZEC 14:8 Guyyaa san bisaan jiru'uu Yerusaalem keessaa hin burqa; gamisi isaa gara abbaayaa aduun baatuu, gamisi gara abbaayaa Mediteraaniya'aa, bonaa fi ganna hin yaa'a.
ZEC 14:9 Yennaa san Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duudii irratti mootii hin te'a; gaafas nami duudiin Mootiin Waan Maraa isa qofa akka te'e hin dhugeeffatan; maqaa isaa qofa waammatan.
ZEC 14:10 Latti duudiin Gebaa gara kaabaa irraa, haga Rimoonii gara kibbaatitti dirree hin teeti. Qachaan Yerusaalemii ammoo, karra Beniyaaminii irraa kaasee, karaa karra duriitiin haga karra roga dalleyaa, akkasuma xelleephoo dhaka'aa ta Hanaani'elii irraa haga addee daadhii woynii mootichaa itti cunfanuutitti, ol ka'ee addee ifiititti hin hafa.
ZEC 14:11 Kolbaan Yerusaalem keessa hin leeti; haganaa achi Yerusaalem deebitee hin baddu; kolbaan bidhaa malee leeti.
ZEC 14:12 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa ta Yerusaalem loliisaaf kaatu irratti dhukkuba balaa hin fida. Adoo dhaabbataneeranuu foon isaanii hin shama; ilti isaaniitii fi arrabi isaanii hin shama.
ZEC 14:13 Yennaa san Mootiin Waan Maraa waan guddoo naasisu isaanitti hin fida; nami tokko tokkonuu harkaan wol qabee, wol hin lola.
ZEC 14:14 Worri Yihuda'aa Yerusaalemiif rogee hin lolan. Karri gosa biyya adda addaa ta adaala sanii duudiin worqiin hedduun, meetii heddu'uu fi woyaan hedduun wolitti hin qabaman.
ZEC 14:15 Dhukkubi balaan sun ammalle fardoo, gaangee, gaalaa fi harree, horii addee quttumaa diinaa jiru duudii irratti hin bu'a.
ZEC 14:16 Achiin duuba gosi biyya adda addaa, ka Yerusaalem lolane keessaa worri jiru'uun hafe duudiin, wogguma wogga'aan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaaf, jila gose'eelle jilifatiisaaf gara Yerusaalemii ol hin bayan.
ZEC 14:17 Gosa biyya adda addaa keessaa, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade mooticha waaqonfatiisaaf, gara Yerusaalemii ka ol hin baaneef, bokkeenni hin roobu.
ZEC 14:18 Worri Gibxi'iille jila san jilifatiisaaf gara Yerusaalemii yoo ol hin bayin, bokkeya hin dhaggatanu; Mootiin Waan Maraa dhukkuba balaa, ka gosa biyya adda addaa ta gara Yerusaalemii ol baatee, jila gose'ee jilifatuu didde irratti fide san, isaan irralle'etti hin fida.
ZEC 14:19 Adabbiin worra Gibxi'iitii fi gosa biyya adda addaa, ka ol bayanee jila gose'ee jilifatiisa didanu duudii irratti dhuttu tana.
ZEC 14:20 Guyyaa san bilbila morma fardo'oo irratti, «Mootii Waan Maraatiif ka woyyoome» jedhamee hin barreeffama. Okkoteen Galma Waaqaa keessatti itti iffeelatanu akka qorii addee ciinca'aa irraatitti hin woyyoonti.
ZEC 14:21 Okkoteen itti iffeelatanu ta Yerusaalem keessaatii fi Yihudaa keessaa duudiin, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef ta woyyoonte hin teeti. Worri ciincaa dhikeessiisaaf dhufu duudiin, foon ciinca'aa itti hin iffeelan. Yennaa san Galma Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee keessatti, nami daldalu tokkolle hin jiraatu.
MAL 1:1 Ergaan tun ta Mootiin Waan Maraa karaa raagicha Milkiyaasiitiin kolbaa Israa'eliitiif dubbatte.
MAL 1:2 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Ani isin jaaladhe» jedha; isin ammoo, «Attamiin nu jaalatte?» jettan. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Esaawuu fi Yaaqoob obboleeyyan; ani ammoo Yaaqoob jaaladhee,
MAL 1:3 Esaawuu ammoo jibbe. Biyya koobittii isaalle goomolee godhee, lafa inni dhaalu jeedala goomole'eetiif lakkise» jedhe.
MAL 1:4 Sanyiin Esaawuu worri Edoomii, «Qachooti keenna diigamanee turaneeran; amma ammoo ka diigamane san deebinnee hin ijaarra!» hin jedhan; ammoo Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isaan hin ijaaran; ani ammoo hin diiga. Kolbaan ‹Biyyi sun biyya hantu'u; kolbaan biyya saniille kolbaa Mootiin Waan Maraa baraa haga bara baraa itti mufate› hin jetti.
MAL 1:5 «Isin kolbaan Israa'elii tana ila teessaniin dhaggitanee, ‹Meessaa Israa'eliitiin alattille Mootiin Waan Maraa gudda'a› hin jettan» jedhe.
MAL 1:6 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hayyoota isa tuffatanuun, «Ilmi abbaa ifii, hojjataan hojjachiisaa ifii hin ulfeessa; adoo ani abbaa keessan te'eeruu maaf na ulfeessuu dhaddane ree? Adoo ani hojjachiisaa te'eeruu maaf na sodaatuu dhaddane ree? Isin ammoo, ‹Attamiin si tuffanne?› jettanee gaafattan.
MAL 1:7 Isin sagalee battootte addee ciincaan kiyya itti ciinceffamutti ciincessitan; achiin duuba, ‹Attamiin addee ciinca'aa batteessine?› jettanee gaafattan. Dabaltaneelle, ‹Addeen Mootii Waan Maraatiif ciincaan itti ciinceffamu ka tuffatame› jettan.
MAL 1:8 Horii ballaa yookiin dhibamaa yookiin naafa ciinca'aaf yennaa dhikeessitanu, kun waan gadhe'ee motii ree? Me waan akkasii bulchaa keessaniif dhikeessa'a! Inni isinitti hin gammadaa? Gammadee isin irraa hin fudhataa?» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
MAL 1:9 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isin waan akkasii ana Mootii Waan Maraatiif ciincaa ciincessitanee akka ani isiniif araaramu yoo daadimattane, kun dokonkora keessan.
MAL 1:10 Ani isinitti hin gammadu; ciincaa isin naaf ciincessitanu isin irraa waan hin fudhanneef, akka isin addee ciincaan kiyya itti ciinceffamu irratti ibidda hin gabbinne, maaloo nami isin keessaa balbala Galma Waaqaa cufu adoo jiraatee!
MAL 1:11 Maqaan kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti baya adu'uu irraa haga seensa adu'uutitti guddaa hin te'a; maqaan kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti guddaa waan te'eef, addee maratti ulfinna maqaa kiyyaatiif hixaannii fi kennansi qulqulluun hin dhikeeffama.
MAL 1:12 «Isin ammoo, ‹Addeen Mootii Waan Maraa ka dada maraatiif ciincaa itti ciincessanu ta battootte› jettanee sagalee tuffatante achi irratti yennaa dhikeessitane addee ciinca'aa san batteessitane.
MAL 1:13 Dabaltaneelle, ‹Kun eloo qofa!› jettanee itti murgitan; isin horii hatame, horii naafa, horii dhibame fiddanee ciincaa ciincessitan; ani kana ani isin irraa hin fudhadha seetanii?
MAL 1:14 Nami hoolee ifii keessaa korbeessa fafa hin qanne ka ana Mootii Waan Maraatiif waadaa galeeru adoo qabuu, addee isaa horii fafa qabu sobaan dhikeessu ka abaarame te'uu ti! Ani mootii guddaa waan te'eef, maqaan kiyya gosa biyya adda addaa keessatti sodaatamaa hin te'a» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
MAL 2:1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, hayyootaan, «Ee hayyoota! Ajaji kun isiniif baye;
MAL 2:2 isin yoo naaf dhage'uu diddane, maqaa kiyyaaf ulfinna kenniisaaf yoo itti yaaduu dhaddane, ani abaarsa isin irratti hin erga; eebbaa keessanille abaarsatti hin jijjiirra; waan isin ulfinna naaf kenniisaaf itti yaaduu dhaddaneef, dhuguma ani ammaayyuu isin abaareera.
MAL 2:3 Kunoo, ani sababa keessaniif jedhee, sanyii teessan hin xixa; cumaa horii isin ciinca'aaf qaltanee fuula keessanitti hin diba; cumaa san wolille'een fuula kiyya duraa hin gatantan.
MAL 2:4 Achiin duuba gondooroon tiyya ta ani Lewwii woliin godhe akka hin diiganne, ajaja kana akka ani kenne hin beettan.
MAL 2:5 «Gondooroon tiyya ta isa woliin godhe sun gondooroo jiru'uu fi nageyaa ti; tana akka inni na ulfeessu isaaf kenne; innille na sodaatee maqaa kiyya ulfeesse.
MAL 2:6 Barsiisa dhuga'aa barsiise; dubbiin dabaa afaan isaa keessaa hin baane. Inni nageyaa fi qajeelumma'aan na woliin le'ee, namoota hedduu yakkaa irraa deebiseera.
MAL 2:7 Hayyichi beekkumsa dhuga'aa hin eega; inni ergamaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee waan te'eef, nami afaan isaa keessaa barumsa hin barbaada.
MAL 2:8 Isin ammoo karaa irraa gortanee namoota hedduulle barsiisa keessaniin gufachiittaneertan; gondooroo ani Lewwii woliin godhelle diiddaneertan.
MAL 2:9 Waan isin ajaja kiyya eeguu diddanee, seera kiyya yennaa barsiittanulle nama wol caalchittanuuf, ani ammoo gosa mara duratti akka tuffatantanuuf akka qaanottanu godha» jedha.
MAL 2:10 Marti keenna abbaa tokkocha qannaa motii? Waaqa tokkochattuu nu maraayyuu dadee motii? Maaniif nuuti wolii wolii keennaaf addatamuu dhannee, wol irratti ka'iisaan gondooroo Mootiin Waan Maraa abbootii teenna woliin godhe maaf diinna ree?
MAL 2:11 Kolbaan Yihudaan hin addatanne; Israa'elii fi Yerusaalem keessatti waan Waaqi jibbu hujane; isaan dubartoota waaqota dharaa waaqonfattu fuudhanee addee Galma Waaqaa san batteessan.
MAL 2:12 Eennulle nama waan akkasii huju kanaaf yoo falmate, yookiin akka inni fudhatama dhaggatu yoo dubbate, yookiin isaaf Mootii Waan Maraa Ka bara baraa ka dada mara ajajuuf kennansa yoo dhikeesse, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade nama san sanyii Yaaqoobii keessaa balleessuu ti.
MAL 2:13 Wonni dhibiin isin gootanu ammoo addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa imimmaaniin dhixxan; haganaa achi Mootiin Waan Maraa kennansa keessan gammadaan waan isin irraa hin fudhanneef, hin boottan; hin iyyitanille'e.
MAL 2:14 Isin «Kun maaf te'a?» jettanee gaafatan; isin waa'ela teessan ta teetee muttaaraa teessaniif addatamuu waan dhaddaneef tun teete; Mootiin Waan Maraa isinii fi muttaaraa teessan oddu'utti dhugaa bayaa te'eeraayyu.
MAL 2:15 Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle'een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha'a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina'a.
MAL 2:16 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Ani nama niitii ifii lakkisu jibba; ani akka nama woyaa akka kaso'oon uffatuu nama waan hantuu godhulle jibba; tanaaf ifi eeggadha'a; addatamummaalle hin dhabina'a!» jedha.
MAL 2:17 Isin jechoota keessaniin Mootii Waan Maraa dadhassiittaneertan; ammoo, «Attamiin isa dadhassiinne?» jettanee gaafattan; isin «Worri waan hantuu huje martinuu Mootii Waan Maraa duratti dansa'a; inni isaanitti hin gammada; yookiin abbaan muraa dhuga'aa eessa jira?» jettanee gaafatiisaan isa dadhassiittan.
MAL 3:1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, ani ergamaa kiyya ka karaa naaf qopheessu ifiin dura erga; dedhuma Goottaan isin barbaaddanu sun gara Galma ifii hin dhufa; kunoo, ergamaan waadaan galame ka isin halchitanu sun hin dhufa» jedha.
MAL 3:2 Ammoo guyyaa dhufa isaatitti eentu ossuu dande'a? Yennaa inni mudhatu eentu isa dura dhaabbatuu dande'a? Inni akka ibidda sibiila baqisiisuu ti; akka saamunaa woyaa ittiin borcanuu ti.
MAL 3:3 Inni akka nama sibiila baqisiisuu ti; akka nama meetii qulleessuu te'ee sanyii Lewwootaa baqisiisee akka worqi'ii fi akka meeti'ii isaan hin qulleessa; isaanille worra Mootii Waan Maraatiif ciincaa balchicha ciincessanu hin te'an.
MAL 3:4 Achiin duuba ciincaan Yihuda'aatii fi ciincaan Yerusaalemii akka baroota dabaranee, akka woggoota durii sanitti Mootii Waan Maraa duratti fudhatama hin qabaata.
MAL 3:5 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani muraa kenniisaaf isinitti dhikaadheera; worra namatti xanu irratti, worra gaarayyeeffatu irratti, worra sobaan kakatu irratti, namoota worra hojjatoota, haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abba'aa fi haati hin jirre cunqursanu irratti, worra nama alaga'aa muraa haqaa dhooggatu irratti, worra na hin sodaanne irrattille dafee dhugaa hin baya.
MAL 3:6 «Ani Mootii Waan Maraa ti; ani anuma; ani hin jijjiiramu; isinille diqqumaayyuu hin jijjiiranne; isin haga ammaa ijoollee Yaaqoobii sobaalessaa ti.
MAL 3:7 Bara abbootii teessanii irraa jalqaddanee haga ammaatitti isin seerata kiyya irraa gortaneertan; isalle hin eeganne; ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Gara kiyya deebi'a'a! Anille gara keessan hin deebi'a!› isiniin jedheera; isin ammoo, ‹Attamiin deebina?› jettan.
MAL 3:8 Nami Waaqa hin saamaa? Te'uu malee isin na saamiisatti jirtan! Isin ammoo, ‹Attamiin si saamiisatti jirra?› jettanee hin gaafattan; isin kudhan keessaa tokko kennuu dhabiisaan, kennansa kennuu dhabiisalle'een na saamiisatti jirtan.
MAL 3:9 Isin, gosi teessan martinuu na waan saamiisatti jirtanuuf, isin abaarantaneertan.
MAL 3:10 Mana kiyya keessa sagaleen akka jiraattuuf kudhan keessaa tokko guutumatti gootaraa kiyyatti galcha'a! Ani foddaa ol-gubba'aa banee, eebba irraan dhangala'u yoo gad isiniif jissuu dhabaadhe na ilaala'a!
MAL 3:11 Corroxxi adda addaa midhaan keessan akka hin balleessine ani hin xixa; fichaa keessan keessaa muki woyni'ii keessan ka midhaan dhabe hin te'u.
MAL 3:12 Isin biyya nama gammachiittu keessa waan leetanuuf gosi biyya adda addaa martinuu, ‹Isin worra eebbifame› isiniin jedhan.
MAL 3:13 «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin na irratti dubbii badduu dubbattaneertan› jedhe; te'uu male isin, ‹Maan si irratti dubbanne?› jettan;
MAL 3:14 isin, ‹Waaqa tajaajiluun bu'aa hin qabu; akka worra gaddaneetitti fuula Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u dura deddeebi'aa adoo jirruu, waan inni ajaje eeguun keenna maan wo nuu baati?
MAL 3:15 Akkuma dhagginu, worri koorameeyyiin gammada qaban; worri hantuu hujuu badhaadhiisa callaa adoo hin te'in, yennaa Waaqa haga ilaalanulle rakkoon isaan hin dhaqqaddu› jettan» jedha.
MAL 3:16 Achiin duuba worri Mootii Waan Maraa sodaatu woliin dudubbatane; Mootiin Waan Maraa isaan caqasee, waan isaan dudubbatane dhage'e; kitaab dabarsii marroo worra isa sodaatanuutii fi worra maqaa isaa ulfeessanuu, fuula isaa duratti barreeffame.
MAL 3:17 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa ani murteeffadhe sanitti isaan qabeenna kiyya ka addaa hin te'an; akkuma worri ijoollee isaaniif tajaajiltu mararfatu akkasuma anille isaan mararfadha.
MAL 3:18 Yennaa sanitti isin garaagarummaa worra balcha'aa fi worra hamaa odduu jirtu, garaagarummaa worra Waaqa tajaajiluu fi hin tajaajille odduu jirtulle hin dhaggitan» jedha.
MAL 4:1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, guyyaan akka barbada ibiddaa gubu dhufaara; yennaa sanitti worri kooruu fi worri hantuu huju martinuu akka hicaace'ee ti; guyyaan dhufu sun isaan hin guba; hidda yookiin damee isaaniif hin lakkisu.
MAL 4:2 Isin worra maqaa kiyya sodaattanuuf ammoo aduun balchummaa isiniif fidduu fi ta koolli isi'ii fayyinna ifi keessaa qabu isiniif hin baati; isin akka waatolee gooree keessaa gad baatee hin burraaxxan.
MAL 4:3 Isin yennaa san worra hamoota san irra hin sirbitan; guyyaa ani waan kana godhu san faana teessan jalatti daadhaa hin te'an.
MAL 4:4 «Barsiisa garbicha kiyya Muuse'ee, seerataa fi ajaja ani gaara Horeebii irratti kolbaa Israa'elii maraaf isatti kenne qaabadha'a.
MAL 4:5 «Kunoo, guyyaan kiyya gudda'aa fi sodaachisaan sun adoo hin dhufiniin dura, ani Eliyaasii raagicha isiniif hin erga.
MAL 4:6 Ani dhufee, lafa abaarsa itti buusee akka hin balleessine, inni gadhaa abbooti'ii gara ijoollee isaanii, gadhaa ijoollee isaanii gara abbootii isaanii hin deebisa» jedha.
MAT 1:1 Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii sanyii Abrahaamiitii fi sanyii Daawitii kana.
MAT 1:2 Abrahaam Yisihaq uumate; Yisihaq Yaaqoob uumate; Yaaqoob Yihuda'aa fi obboleeyyan Yihuda'aa uumate;
MAT 1:3 Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraa uumate; Faares Hesrom uumate; Hesrom Aaram uumate;
MAT 1:4 Aaram Aminaadaab uumate; Aminaadaab Nahasoon uumate; Nahasoon Salmoon uumate;
MAT 1:5 Salmoon Rahaab irraa Bo'az uumate; Bo'az Ruuti irraa Yoobeed uumate; Yoobeed Isey uumate;
MAT 1:6 Isey Daawitii mooticha uumate; Daawiti haadha manaa Uriiyaa irraa Solomoon uumate;
MAT 1:7 Solomoon Rehobiyaam uumate; Rehobiyaam Abiiyaa uumate; Abiiyaan Asaafi uumate;
MAT 1:8 Asaafi Yoshaafaax uumate; Yoshaafaax Yoraam uumate; Yoraam Oziyaas uumate;
MAT 1:9 Oziyaas Yo'ataam uumate; Yo'ataam Akaaz uumate; Akaaz Hisqiyaas uumate;
MAT 1:10 Hisqiyaas Minaasee uumate; Minaaseen Amos uumate; Amos Yosiyaas uumate;
MAT 1:11 Yosiyaas bara kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilonii booji'ante Yekoniyaasii fi obboleeyyan Yekoniyaasii uumate.
MAT 1:12 Kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilon booji'anteen duuba Yekoniyaas Salaati'el uumate; Salaati'el Zarubaabel uumate;
MAT 1:13 Zarubaabel Abiyuudin uumate; Abiyuudin Eliyaaqim uumate; Eliyaaqim Azor uumate;
MAT 1:14 Azor Zaadoq uumate; Zaadoq Akiim uumate; Akiim Eliyud uumate;
MAT 1:15 Eliyud Ele'azaar uumate; Ele'azaar Maattaan uumate; Maattaan Yaaqoob uumate;
MAT 1:16 Yaaqoob Yoseef uumate; Yoseefiin kun ka Maariyaam fuudhe; isiin, ka, «Masiihii» jedhamee moggaafame, ta Yesuus deette.
MAT 1:17 Tanaaf Abrahaam irraa kaasee haga Daawitiititti dhaloota kudhanii afuritti jira; Daawiti irraa kaasee haga bara kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilonii booji'antetti dhaloota kudhanii afuritti jira; booji'ama gara Baabiloniitii haga dhaloota Masiihiille'etti dhaloota kudhanii afuritti jira.
MAT 1:18 Dhalooti Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaamiin Yoseefiif kadhatanteertu adoo isaan wol bira hin geyin dura, Ayyaana Woyyichaan ulfoottee dhaggante.
MAT 1:19 Yoseefiin isii kadhateeru sun nama balchaa waan te'eef, kolbaa duratti Maariyaamii qaanessuu hin barbaanne; maarre dhokaataan isii lakkisiisaaf yaade.
MAT 1:20 Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju'uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin.
MAT 1:21 Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.
MAT 1:22 Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeru akka muummottuuf teete.
MAT 1:23 Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el› jedhamee waamama;» «Amaanu'el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu'u.
MAT 1:24 Maarre Yoseef yennaa dammaqe, akkuma ergamaan Gootta'aa itti hime, Maariyaamii kadhateeru akka niiti'iititti gara mana ifii fudhate.
MAT 1:25 Te'uu malee haga isiin ilma deettutti akka niiti'iititti isii bira hin geenne. Yoseef maqaa isaa Yesuus jedheen.
MAT 2:1 Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beeteelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee,
MAT 2:2 «Mucaan mootii Yihudootaa te'iisaaf dhalate, eessa jira? Nuuti urjii isaa karaa aduun baatutti dhagginee, isatti sagadiisaaf dhunneerra» jedhanee iyyaafatane.
MAT 2:3 Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage'e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate.
MAT 2:4 Inni sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, «Masiihiin eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.
MAT 2:5 Isaan, «Beeteelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi:
MAT 2:6 «‹Ati Beeteelemiin Yihudaa keessaa! Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa ijjumaayyuu hin diqqaattu; sababille ka kolbaa tiyya Israa'el bulchu bulchaan si keessaa baya› jedhee barreesseera» jedhaneen.
MAT 2:7 Heroodis dhossa'aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate.
MAT 2:8 Achiin duuba, «Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima'a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge.
MAT 2:9 Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage'ane, ka'anee yaa'ane; karaa irralle'etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba'atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente.
MAT 2:10 Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane.
MAT 2:11 Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.
MAT 2:12 Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane.
MAT 2:13 Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, «Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi» jedheen.
MAT 2:14 Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadhaa muca'aa fuudhee, gara biyya Gibxi'ii halkanuma san deeme.
MAT 2:15 Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, «Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame» jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete.
MAT 2:16 Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beeteelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise.
MAT 2:17 Akka kanaan wonni raagichi Ermiyaas jedhe muummotte;
MAT 2:18 wonni inni raagelle: «Qoonqoon Raama'atti dhage'ante, qoonqoo wiiccifataa fi bowaa ti. Raahel ijoollee ifiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu didde» ka jedhu.
MAT 2:19 Heroodis du'een duuba, ergamaan Gootta'aa biyya Gibxi'ii keessatti oojju'uun Yoseefitti mudhatee,
MAT 2:20 «Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i» jedheen.
MAT 2:21 Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadha muca'aa fudhatee, gara biyya Israa'elii deebi'e.
MAT 2:22 Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee,
MAT 2:23 raagoti marroo Yesuusiitiif, «Inni Naazireticha hin jedhama» wonni jette akka muummottu qachaa Naaziret jedhamu dhaqee le'e.
MAT 3:1 Bara san Yohaannisiin cuuphaan goomolee biyya Yihuda'aa keessa lallabaa dhufee,
MAT 3:2 «Mootummaan ol-gubba'aa waan dhikaatteef cubbuu irraa deebi'a'a!» jedhe.
MAT 3:3 Isaayaasiin raagichi, «Nami tokko goomolee keessaa iyyaa, ‹Karaa Gootta'aaf qopheessa'a; daandii inni irra deemu qajeelcha'a!› » yennaa jedhe inni marroo Yohaannisii dubbate.
MAT 3:4 Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti.
MAT 3:5 Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, biyya cinaa laga Yordaanosii mara irraa kolbaan gara isaa dhutte.
MAT 3:6 Isaan cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphamane.
MAT 3:7 Yohaannis Fariisaayotaa fi Saduqoota hedduu cuuphamiisaaf gara isaa dhufiisatti jiranu yennaa dhagge, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?
MAT 3:8 Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a.
MAT 3:9 ‹Abbaan keenna Abrahaam› jedhiis isin hin baasa hin seyina'a. Waaqi dhakoota kana fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.
MAT 3:10 Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera; muki midhaan dansaa hin buunne muramee ibiddatti hin gatama.
MAT 3:11 Akka isin cubbuu irraa deebitane mudhisiisaaf ani bisaaniin isin cuupha, ka ana duubaan dhufaaru ammoo Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddoo na caala; ani kophee isaatuu ba'atiisaafille nama te'uu moti.
MAT 3:12 Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf horooroo harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; hicaacee ammoo ibidda hin dhaanneen guba» isaaniin jedhe.
MAT 3:13 Yesuus yennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordaanosii dhufe.
MAT 3:14 Yohaannis ammoo, «Ani si'iin cuuphamu'uu male, ati maaf gara kiyya dhutta?» jedhee isa dhoogge.
MAT 3:15 Yesuus ammoo deebisee, «Karaa kanaan balchummaa mara muummessu'uu waan malleef, amma na dhoogguu lakkisi» jedheen; achiin duuba Yohaannis lakkise.
MAT 3:16 Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, ol-gubbaan banantee Ayyaanni Waaqaa saphaliisa fakkaatee gad dhufee isa irra bu'uun dhagge.
MAT 3:17 Ol-gubbaa irraa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya jaalatama'a, ka ani guddoo isatti gammadeeru» jette.
MAT 4:1 Achiin duuba akka Yesuus Seexanaan ataabamu Ayyaanni Woyyichi gara goomole'ee geesse.
MAT 4:2 Yesuus guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama laameen duuba beelote.
MAT 4:3 Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe.
MAT 4:4 Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, ‹Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhee deebise.
MAT 4:5 Achiin duuba Seexanni gara Qachaa Woyyichaa gara Yerusaalemii Yesuus geessee, qaccee guutuu Galma Waaqaa gubbaa isa dhaabbachiisee,
MAT 4:6 «Barreeffam Woyyichi, «‹Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf, ergantoota ifii hin erga› waan jedhuuf, Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi» jedheen.
MAT 4:7 Yesuus deebisee, Barreeffam Woyyichi, « ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen.
MAT 4:8 Achiin duuba Seexanni gaara dheeraa tokko gubba'atti isa baasee, mootummoota biyya lafaa mara, ulfinna isaanii mara woliin itti mudhisee,
MAT 4:9 «Gad jiddee yoo naaf sagadde, waan kana maraa si'iif hin kenna» jedheen.
MAT 4:10 Yesuus deebisee, «Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajili› jedha» jedheen.
MAT 4:11 Achiin duuba Seexanni Yesuus lakkisee deeme; ergantooti Waaqaalle dhufanee isa tajaajilane.
MAT 4:12 Yesuus hidhama Yohaannisii yennaa dhage'e, gara Galiila'aa deebi'e.
MAT 4:13 Qachaa Naaziretii lakkisee, lafa Zabilooniitii fi Niftaalem keessa, cinaa abbaayaa Galiila'aa, qachaa Qifirnaahoom keessa le'e.
MAT 4:14 Wonni Isaayaasiin raagichi raagee,
MAT 4:15 «Lafa Zabilooniitii fi lafa Niftaalemii, Yordaanosiin gama, karaa gara abbaaya'aa geessu gubbaa jirtu, Galiilaa, lafa worra Yihudootaa hin te'inii!
MAT 4:16 Kolbaan dukkana keessa leete, ifa guddaa dhaggite. Worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'uuf, ifi ife» jedhe akka muummottuuf tun teete.
MAT 4:17 Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi'a'a!» jedhee lallabiisa jalqabe.
MAT 4:18 Yesuus abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo abbaaya'atti afanuun dhagge.
MAT 4:19 Yesuus isaaniin, «Na hordofa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe.
MAT 4:20 Isaan yennuma san caccoota ifii lakkisanee isa hordofane.
MAT 4:21 Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti jiraniiyyu. Yesuus isaan waame;
MAT 4:22 isaanille yennuma san hobolo'oo fi abbaa ifii lakkisanee, isa hordofane.
MAT 4:23 Yesuus manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta marroo mootummaa Waaqaa lallabaa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa mara irraa kolbaa fayyisaa Galiilaa duudii keessa deddeeme.
MAT 4:24 Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhage'ame; waan kanaaf worra dhibameeru, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een farru, worra ayyaanni hamaan qabeeru, worra gaggaadduu qabuu fi worra laashoweeru mara kolbaan gara isaa fidde. Yesuusille isaan fayyise.
MAT 4:25 Achiin duuba gumiin hedduun Galiilaa irraa, Qachaa qachoota Kudhan jedhamu irraa, Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, Yordaanosiin gamalle'ee isa hordofane.
MAT 5:1 Yesuus yennaa gumii hedduu dhagge, gaaratti ol bayee tee'e; barattooti isaalle gara isaa dhufane.
MAT 5:2 Achiin duuba inni isaan barsiisiisa jalqabee:
MAT 5:3 «Worri le'ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te'ane itti dhage'antu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
MAT 5:4 Worri gadde gammaduu; Waaqi isaan hin jajjabeessa!
MAT 5:5 Worri ifi gad qabu gammaduu; isaan lafa hin dhaalan!
MAT 5:6 Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu; Waaqi isaan hin quussa.
MAT 5:7 Worri namaaf mararfatu gammaduu; Waaqi isaaniif hin mararfata!
MAT 5:8 Worri gadhaa qullu'uu gammaduu; isaan Waaqa hin dhaggan!
MAT 5:9 Worri nageya buusu gammaduu; isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman!
MAT 5:10 Worri balchumma'aaf miidhamu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
MAT 5:11 «Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada'a.
MAT 5:12 Isaan raagota worra isiniin duraatuu akkasuma miidhane. Gatiin teessan ol-gubba'atti guddoo waan teeteef, gammada'aatii ilillisa'a» isaaniin jedhe.
MAT 5:13 Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kuraawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu'aa hin qabu.
MAT 5:14 «Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba'atti ijaarame dhokatiisa hin dande'u.
MAT 5:15 Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu.
MAT 5:16 Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti» jedheen.
MAT 5:17 Yesuus, «Ani Seeraa fi barsiisa raagotaa diigiisa dhufe hin seyina'a. Ani barsiisa isaanii muummessiisaaf dhufe malee, diigiisaaf hin dhunne.
MAT 5:18 Ani dhugumaan isinitti hima, haga ol-gubba'aa fi latti dabartutti Seera keessaa qubeen takkaan, bixxilleen adoo hin muummowin hin baddu.
MAT 5:19 Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa'aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama.
MAT 5:20 Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu» isaaniin jedhe.
MAT 5:21 Yesuus itti dabalee, «‹Hin ijjeesin; nami nama ijjeese mura'aaf dhikaata› jedhamee worra duriititti akka himameeru dhageettaneertan.
MAT 5:22 Ani ammoo isinitti hima, eennulle sababa malee obboleessa yookiin obboleettii ifiititti yoo mufate mura'aaf dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Gowwa'a!› yoo jedhe, kora mura'aa dura dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Daallee!› yoo jedhe gara muraa qilee ibiddaa dhikaata.
MAT 5:23 Maarre kennansa keeti Waaqaa dhikeessiisaaf addee ciincaa itti ciincessanutti fiddee, waan obboleessi keeti sitti quuqameeru yoo qaabatte,
MAT 5:24 kennansa keeti achuma addee ciinca'aa duratti lakkisiitii, dhaqii obboleessa keeti woliin araaramii, achiin duuba deebi'iitii kennansa keeti dhikeessi.
MAT 5:25 «Nama si himate tokko woliin gara mura'aa adoo ideentuu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali. Achi geettee jennaan, abbaan mura'aa ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhu mana hidha'aatitti si galcha.
MAT 5:26 Ani dhugumaan sitti hima, waan sitti murame keessaa saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe.
MAT 5:27 Yesuus, « ‹Hin gaarayyeeffatin› akka jedhame dhageettaneertan.
MAT 5:28 Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha'aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera.
MAT 5:29 Ilti teeti ta middaa yoo cubbuu si hujisiitte, ifi keessaa baasiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee gatamu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko fafoottu si'iif woyya.
MAT 5:30 Harki keeti ka middaa yoo cubbuu si hujisiise, ifi irraa kutiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee deemu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko dhabuu si'iif woyya» jedhe.
MAT 5:31 Ammalle Yesuus, « ‹Nami niitii lakkisu mara woraqata lakkeessaa barreessee isi'iif kennuu ti› jedhameeraayyu.
MAT 5:32 Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata» jedhe.
MAT 5:33 Yesuus, «Ammalle, ‹Dharaan hin kakatina'a; waan Gootta'aaf kakattane ammoo godha'a› akka worra duriitiin jedhame isin dhageettaneertan.
MAT 5:34 Ani ammoo isinitti hima, ijjumaa hin kakatina'a. Ol-gubbaan barcumaa mootummaa Waaqaa waan teeteef, ol-gubba'aan yookiin,
MAT 5:35 lattille waan ijjata miila isaa teeteef lafaan hin kakatina'a; qachaa mootii gudda'aa waan teeteef Yerusaalemille'een hin kakatina'a.
MAT 5:36 Rifeensa tokkocha adii yookiin gurraacha godhiisa waan hin dandeenneef, mataa keetille'een hin kakatin.
MAT 5:37 Dubbiin teessan ‹Ee› yoo teete ‹Ee›, yookiin ‹Waawwoo› yoo teete ‹Waawwoo› teetuu ti; wonni kana irra caale seexana irraa dhutte» jedhe.
MAT 5:38 Yesuus itti dabalee, «‹Ilti, ilaaf; ilkaan, ilkaaniif› akka jedhame isin dhageettaneertan.
MAT 5:39 Ani ammoo isinitti hima: nama si yakke haluu hin bayin. Nami tokko yoo boqoo middaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi;
MAT 5:40 nami tokko shaamisii teeti fudhatiisaaf barbaadee yoo si himate, kootii teetille kenniif.
MAT 5:41 Nami tokko hunnaan kiiloo meetira tokko akka ati woliin deentu yoo si tolche, kiiloo meetira lama woliin deemi.
MAT 5:42 Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffatiisaaf barbaadu hin dhooggatin» jedhe.
MAT 5:43 Yesuus, « ‹Ollaa keeti jaaladhu, diinota keeti jibbi› akka jedhame dhageettaneertan.
MAT 5:44 Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha'a; worra isin miidhuufille daadimadha'a.
MAT 5:45 Tana yoo gootane ijoollee Abbaa keessan ka ol-gubba'aa hin teetan; inni aduu ifii worra hama'aa fi dansa'aafille hin baasa; worra balchootaa fi balchoota hin te'iniifille hin roobisiisa.
MAT 5:46 Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, gatii maan qaddan ree? Cubbaaleyyiinuu sanuma godhan!
MAT 5:47 Obboleeyyan teessan callaa nageya o'aa yoo fuutane, worra dhibii caalaa isin maan gootane? Worri Yihudoota hin te'inille sanuma godhan!
MAT 5:48 Abbaan keessan ka ol-gubba'aa mijuu akka te'e, isinille mijuu te'a'a» jedhe.
MAT 6:1 Yesuus, «Nami akka isin dhagguuf jettanee hujii dansaa isaan duratti akka hin hunye ifi eeggadha'a! Akkas yoo gootane, Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru biraa gatii hin qaddanu.
MAT 6:2 «Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.
MAT 6:3 Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin.
MAT 6:4 Maarre arjoom keeti dhossa'aan te'uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa'aan tolchitu dhaggu, gatii si'iif hin kenna.
MAT 6:5 «Isin yennaa daadimattanu, akka worra kijibuu hin te'ina'a! Isaan worri dhibiin akka isaan dhagguuf, Galma Waaqaa keessaa fi woldeennaa karaa gugurda'aatitti dhaabbatanee daadimatiisa jaalatan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.
MAT 6:6 Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan huju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna.
MAT 6:7 «Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te'inii, jecha bu'aa hin qanne itti hin deddeebi'ina'a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage'u seyan.
MAT 6:8 Isin ammoo akka isaanii hin te'ina'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka.
MAT 6:9 «Tanaaf, yennaa daadimattanu, «‹Abbaa keenna ka ol-gubbaa jirtu, Maqaan keeti woyyoomu;
MAT 6:10 mootummaan teeti dhuttu; fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete, lafalle'etti teetu.
MAT 6:11 Sagalee guyyuma guyya'aan nuu barbaachittu adha nuu kenni.
MAT 6:12 Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu, yakkaa teenna nuu araarami.
MAT 6:13 Hamaalessa irraa nu eegi malee, ataabe'etti nu hin galchin. [Mootummaan, hunni, ulfinnille baruma baraan keetuma. Ameen]› jedha'a.
MAT 6:14 «Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama.
MAT 6:15 Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa teessan isiniif hin araaramu» jedhe.
MAT 6:16 Yesuus, «Yennaa laantanu, akka worri kijibu tolchu fuula keessan hin addeessina'a. Laamuu isaanii namooti akka dhagganuuf isaan ifi addeessan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii fudhataneeran.
MAT 6:17 Ati ammoo yennaa laantu, fuula keeti dhiqadhu, mataa keetille iffadhu!
MAT 6:18 Tanaaf laamiisa keeti, Abbaa keeti ka addee dhokatte jiru qofatti beeka malee, worri dhibiin beekuu hin dande'u. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan hujju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna» jedhe.
MAT 6:19 Yesuus dabalee, «Addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi balleessutti, hattuulle cassitee seentee hattutti, as lafa tana irratti karra teessan hin kuufatina'a.
MAT 6:20 Ammoo addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi dande'ee hin balleessine, hattuulle cassitee seentee hatuu hin dandeenne, ol-gubba'atti karra teessan kuufadha'a.
MAT 6:21 Yennaa mara addee karri teessan jirtu gadhaan keessanille jira» jedhe.
MAT 6:22 Yesuus, «Ilti ifa nafaa ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaalessa hin te'a;
MAT 6:23 ilti teeti fayyaa yoo dhadde ammoo, nafi keeti duudiin dukkana te'a; ifi sitti jiru dukkana yoo te'e, dukkanti attam attam guddattu ree!» jedhe.
MAT 6:24 Yesuus itti dabalee, «Nami tokko garbicha goottolee lamaa te'iisaaf hin dande'u; tokkocha hin jibba, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beese'eef tajaajiluu hin dande'u» jedhe.
MAT 6:25 «Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu?
MAT 6:26 Sinbirroota ilaala'a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara'atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?
MAT 6:27 Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle ka dande'ee dabalatu jiraa?
MAT 6:28 «Marroo woya'aa maaf yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a; isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu.
MAT 6:29 Te'uu malee, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan daraarota san keessaa akka tokkochaa woyaa akka hin uffatin isinitti hima.
MAT 6:30 Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
MAT 6:31 «Maarre, ‹Maan nyaanna?› yookiin ‹Maan unna?› yookiin ‹Maan uffanna?› jedhaa hin yaaddayina'a;
MAT 6:32 worri Yihudoota hin te'in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.
MAT 6:33 Dursa'aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada'a; tun martinuu isiniif hin kennanti.
MAT 6:34 Maarre marroo boruutiif hin yaadayina'a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe.
MAT 7:1 Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina'a.
MAT 7:2 Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille'eef safarama.
MAT 7:3 «Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne?
MAT 7:4 Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, ‹Huura ila teeti keessaa sii fuudha› attam jedhuu dandeetta?
MAT 7:5 Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta.
MAT 7:6 «Waan Waaqaaf male sarootaaf hin kennina'a; isinitti garagalanee isin ciniinan. Dooqa keessan ka gatii guddoo qabulle booyyota dura hin buusina'a; isaan miilaan irra sirban» jedhe.
MAT 7:7 Yesuus itti dabalee, «Gaafadha'a, isiniif hin kennanti; barbaada'a, hin dhaggattanille'e; balbala dhodhowa'a isiniif hin bananti.
MAT 7:8 Ka gaafatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti.
MAT 7:9 Isin keessa ilmi isaa daabboo yoo gaafate, ka dhakaa kennuuf eennu?
MAT 7:10 Yookiin qurxummii yoo gaafate, dhudhuufaa hin kennaafii?
MAT 7:11 Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa gaafatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!
MAT 7:12 «Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha'a: Seerri Muuse'eetii fi raagoti kanuma barsiisan.
MAT 7:13 «Karra dhipho'oon seena'a! Karaan gara badi'ii geessu badha'a; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu'u.
MAT 7:14 Karaan gara jiru'uu geessu ammoo qadha'aa; karrille dhiphoo waan teeteef, worri karaa jiru'uu san dhaggatu diqqa'a» jedhe.
MAT 7:15 Yesuus itti dabalee, «Raagota dharaa irraa ifi eeggadha'a; isaan gubbaa irra hoolota fakkaatanee, gara keessan dhufan; keessi isaanii ammoo yayyii isin butattu.
MAT 7:16 Midhaan isaaniitiin isaan beettan. Midhaan woyni'ii kom'olcha irraa, midhaan harru'uu waaccuu irraa hin guuranu.
MAT 7:17 Akkasuma, muki dansaan midhaan dansaa, muki hamaan midhaan hamaa buusa.
MAT 7:18 Muki dansaan midhaan hamaa buusuu hin dande'u; yookiin muki hamaalle midhaan dansaa buusuu hin dande'u.
MAT 7:19 Muki midhaan dansaa hin buunne martinuu muramee ibiddatti gatama.
MAT 7:20 Tanaaf midhaan isaaniitiin raagota dharaa beettan» jedhe.
MAT 7:21 Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu ka hujutti mootummaa ol-gubba'aatitti gala malee, ka, ‹Gootta'a, Gootta'a› jedhee na waamu marti hin galu.
MAT 7:22 Guyyaa mura'aa san, namooti hedduun, ‹Gootta'a, Gootta'a! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin durriisota hin baannee? Maqaa keetiin baasota hedduu hin hunyee?› anaan hin jedhan.
MAT 7:23 Ani ammoo, ‹Ijjumaa isin hin beeku. Isin worra dabaaleyyi'i; ila tiyya duraa deema'a!› jedhee ifatti isaanitti hima» jedhe.
MAT 7:24 Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.
MAT 7:25 Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sun ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne.
MAT 7:26 «Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine namicha gowwaa mana ifii maansa irratti ijaarrate tokko fakkaata.
MAT 7:27 Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sunille jigee akka malee butute» jedhe.
MAT 7:28 Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, gumiin barsiisa isaatitti baaseffatte.
MAT 7:29 Inni akka barsiisota isaanii ta Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu tokko isaan barsiise.
MAT 8:1 Yesuus yennaa gaara irraa gad bu'e, gumiin hedduun isa hordotte.
MAT 8:2 Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Gootta'a, yoo fedha keeti te'e na fayyisuu dandeetta» jedhe.
MAT 8:3 Yesuus harka ifii diriirsee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye.
MAT 8:4 Achiin duuba Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te'u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!» isaan jedhe.
MAT 8:5 Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahoomii seene, ajajaan dhibba tokko dhufee isa kadhatee,
MAT 8:6 «Gootta'a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira» jedhe.
MAT 8:7 Yesuus, «Ani dhufee isa hin fayyisa» jedhe.
MAT 8:8 Ajajaan dhibbaa ammoo, «Gootta'a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya.
MAT 8:9 Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‹Deemi!› yoo jedheen, innille hin deema; kaanille'een, ‹Koy!› yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‹Kana huji!› yoo jedheen, innille hin huja» jedhe.
MAT 8:10 Yesuus yennaa tana dhage'e, baaseffatee worra isa hordofuun, «Ani isinitti hima, Israa'el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine.
MAT 8:11 Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaq woliin hin nyaatan;
MAT 8:12 worri mootummaa Waaqaa keessa te'uu male ammoo addee itti bowanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman» jedhe.
MAT 8:13 Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si'iif teetuu» jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle saatuma san fayye.
MAT 8:14 Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda'aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge.
MAT 8:15 Inni harka isi'ii qabee, o'i nafaa isii lakkinnaan, isiille ol kaatee isaaf areerte.
MAT 8:16 Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise.
MAT 8:17 Wonni Isaayaasiin raagichi, «Inni dhibee teenna fudhate, dhukkuba keennalle ba'ate» jedhe akka muummottuuf inni tana godhe.
MAT 8:18 Yesuus adaala ifiititti gumii hedduu yennaa dhagge, gara abbaaya'aan gamaa akka bu'anu barattoota ifii ajaje.
MAT 8:19 Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisa'a! Addee ati dhaxxu mara si hordofa» jedheen.
MAT 8:20 Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedheen.
MAT 8:21 Baratoota isaa keessaa ka dhibiin, Yesuusiin, «Gootta'a, dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaaladhu naa eeyyam» jedheen.
MAT 8:22 Yesuus ammoo, «Ati na hordofi! Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti» isaan jedhe.
MAT 8:23 Yennaa Yesuus hoboloo takka yaabe, barattooti isaalle isa woliin deemane.
MAT 8:24 Dedhuma bubbeen hantuun abbaayaa gubbaa kaatee, hoboloolle danbali'iin lixiisa geette; Yesuus ammoo rafeeraayyu.
MAT 8:25 Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Gootta'a, nu fayyisi! Dhumataarraa!» jedhaneen.
MAT 8:26 Yesuus deebisee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, maaf sodaattan?» jedheen. Achiin duuba inni ol ka'ee bubbe'ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te'e.
MAT 8:27 Isaan baaseffatanee, «Kun nama attamii ti? Bubbe'ee fi danbaliille hin ajajamaniif!» jedhane.
MAT 8:28 Yesuus abbaaya'aan gamatti bu'ee biyya Gadara'aa yennaa dhufe, namooti durriisi keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane.
MAT 8:29 Isaan dedhuma, «Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhuttee?» jedhaa iyyane.
MAT 8:30 Diqquma isaan irraa fago'otti booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu.
MAT 8:31 Maarre durriisoti, «Ati yoo gad nu baache, booyyota sanitti nu ergi» jedhanee Yesuus kadhatane.
MAT 8:32 Yesuus, «Dhaqa'a!» isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
MAT 8:33 Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te'e maraa fi waan namoota durriisi qabeeru irratti te'e achitti odeessane.
MAT 8:34 Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.
MAT 9:1 Yesuus hoboloo yaabee abbaaya'aan gamatti bu'ee gara qachaa ifii dhufe.
MAT 9:2 Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
MAT 9:3 Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
MAT 9:4 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan?
MAT 9:5 ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deem› jechuu irra kamittuu kaso'o?
MAT 9:6 Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe.
MAT 9:7 Namichille ol ka'ee gara mana ifii deeme.
MAT 9:8 Kolbaan yennaa tana dhaggite baaseffattee, Waaqa baallii akkasii kolba'aaf kenne galateeffatte.
MAT 9:9 Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ol ka'ee isa hordofe.
MAT 9:10 Yesuus mana Maatewoosiititti nyaata irra jiruun, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun isaa fi barattoota isaa woliin nyaatiisaaf tee'ane.
MAT 9:11 Fariisaayoti gariin kana dhagganee, barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaata?» jedhane.
MAT 9:12 Yesuus yennaa kana dhage'e, «Worra dhibameef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu.
MAT 9:13 Dhaqa'aatii Barreeffama, ‹Ani marartii barbaada malee ciinca'aa moti› jedhu hiikkaan maan akka te'e qorqora'aatii hubadha'a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe.
MAT 9:14 Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha'aa gara Yesuusii dhufanee, «Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?» jedhanee gaafatane.
MAT 9:15 Yesuus deebisee, «Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo'o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman.
MAT 9:16 «Eennulle woyaa haareya woyaa dullatti'itti hin erbu; sababille woyaan haaretti shuntuurachiittee qowa duriituu ka caalu gooti.
MAT 9:17 Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho'a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu» isaaniin jedhe.
MAT 9:18 Yesuus adoo tana isaanitti dubbatiisatti jiruu, bulchaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Intalti tiyya ammuma na duraa duute; ati ammoo koyiitii harka keeti isii irra keyi; isiille deebitee hin jiraatti» jedhe.
MAT 9:19 Yesuus ka'ee barattoota ifii woliin isa faana dhaqe.
MAT 9:20 Dubartiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi'ii dhaabbatuu didee rakkataa turte takka isa duubaan dhuttee handaara woyaa Yesuusii tuxxe.
MAT 9:21 Isiin gadhaa ifiititti, «Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadatte.
MAT 9:22 Yesuus garagalee isii dhaggee, «Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite.
MAT 9:23 Achiin Yesuus gara mana bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa yennaa dhaqe, worra suusullee gaddaa afuufuu fi gumii caakkittee boottu dhaggee,
MAT 9:24 «Asii gad baya'a! Intalti rafiisatti jirti malee hin duune» jedhe. Isaan ammoo itti kollane.
MAT 9:25 Gumiin gad baateen duuba, Yesuus gara addee intalti jirtuu seenee harka isi'ii qabe; intaltille ol kaate.
MAT 9:26 Oduun marroo waan kanaa adaala san mara geette.
MAT 9:27 Yesuus achii ka'ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, «Ilma Daawitii, nu marari!» jedhaa iyyane.
MAT 9:28 Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande'u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanille, «Ee, Gootta'a!» jedhaneen.
MAT 9:29 Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, «Akkuma dhugeeffannaa teessanii isinii teetuu ti!» jedhe;
MAT 9:30 ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadha'a, waan kana nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee jabeessee isaan ajaje.
MAT 9:31 Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane.
MAT 9:32 Namooti ilti babbananteef akkuma achii bayaneen, jarri takka namicha afaan duudeeru ka durriisi qabeeru tokko gara Yesuusii fadane.
MAT 9:33 Durriisi yennaa keessaa baafame, namichi afaan duudee ture dubbate; kolbaalle baaseffattee, «Waan akkasii kana Israa'el keessatti nuuti ijjumaa dhagginee hin beennu!» jette.
MAT 9:34 Fariisaayoti ammoo, «Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.
MAT 9:35 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deddeeme.
MAT 9:36 Inni akka hoolota tissee hin qannee kolbaa rakkattee fi qarqaarsa hin qanne yennaa dhagge nayeef.
MAT 9:37 Yennaa san inni barattoota ifiitiin, «Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammoo diqqa'a.
MAT 9:38 Tanaaf abbaan midhaanii worra miidaan haamu gara midhaan haamamuu akka ergu daadimadha'a» jedhe.
MAT 10:1 Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota akka baasanu, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisanu baallii isaaniif kenne.
MAT 10:2 Maqaan ergantoota kudhanii lamaanii asii gad jira: ka matoomaa, Simoon ka «Pheexroos» jedhamee fi obboleessa isaa Indiryaas; ilmaan Zabdewoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis;
MAT 10:3 Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa guuru, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos;
MAT 10:4 Simoonii hinaatticha, Yihudaa nama biyya keriyootii, ka dabarsee Yesuus kenne.
MAT 10:5 Yesuus worra kudhanii lamaan kana erge; qajeelfama asii gad jirulle itti kennee, «Gara worra Yihudoota hin te'inii hin dhaqina'a, yookiin qachoota Samaariyya'aa hin seenina'a.
MAT 10:6 Addee akkasii, Worra akka hoolotaa bade gara kolbaa Israa'elii dhaqa'a.
MAT 10:7 Akkuma dhaxxaneen, ‹Mootummaan Waaqaa dhikaatteerti› jedhaa lallaba'a.
MAT 10:8 Dhibamaa fayyisa'a, du'aa kaasa'a, worra dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru fayyisa'a, durriisota baasa'a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna'a.
MAT 10:9 Marxoo keessatti worqii, meetii yookiin sibiila diimaa hin qabatina'a.
MAT 10:10 Ideemiisa kara'aatiif korojoo, qoloo lama, yookiin kophee lama, ulee lama hin qabatina'a. Hojjattootaaf wonni isaan barbaachisu kennamuufii malte.
MAT 10:11 Isin gara qachaa yookiin ollaa tokkoo yennaa seentane, nama isin fudhatiisaa te'u tokko barbaada'a, haga addee san lakkittanutti isa bira tura'a.
MAT 10:12 Yennaa mana tokko seentanu, ‹Nageenni isinii te'u› jedha'a.
MAT 10:13 Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u.
MAT 10:14 Eennulle yoo isin fudhatuu dhabe yookiin dubbii teessan dhage'uu dhabe, mana san yookiin qachaa san lakkittanee yennaa baatanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a.
MAT 10:15 Ani dhugaa isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa sanii irra worra Sodoomii fi Gomora'aatiif irra kasoo hin teeti» jedhe.
MAT 10:16 Yesuus itti dabalee, «Ani akka hoolotaa odduu yayyi'ii isin erga; maarre akka bofaa qaroolee, akka saphaliisaa gadhi-laafeyyii te'a'a.
MAT 10:17 Namoota irraa ifi eeggadha'a; isaan gara kora mura'aa dabarsanee isin hin kennan, mana itti wolitti qabamanu keessatti isin hin dhaanan.
MAT 10:18 Sababa kiyyaaf akka isinitti muranu gara bulchitootaa fi moototaa waan geeffantanuuf, isaanii fi worra Yihudoota hin te'in duratti dhugaa baatota tiyya hin teetan.
MAT 10:19 Yennaa isaan dabarsanee isin kennanu ammoo, maan akka jettanu yookiin attam akka dubbattanu hin yaadina'a; yennuma san wonni dubbattanu isiniif hin kennanti.
MAT 10:20 Ayyaana Abbaa keessan ka ol-gubba'aatitti isin keessa jiraatee dubbata malee, isinii moti.
MAT 10:21 «Obboleessi obboleessa ifii, abbaalle ilma ifii du'atti dabarsee hin kenna; ijoolleelle worra ifii irratti hin kaati; hin ijjeesisiittille'e.
MAT 10:22 Sababa kiyyaaf nami marti isin jibba. Nami haga muumme'eetitti ossu ammoo hin fayya.
MAT 10:23 Yennaa isaan qachaa tokko keessatti isin miidhane, gara ka dhibi'ii baqadha'a. Ani dhugumaan isinitti hima, Ilmi Namaa adoo hin dhufiniin dura qachoota Israa'elii mara keessa deentanee hin fixxanu.
MAT 10:24 «Barataan barsiisaa ifii hin caalu, hojjataan hojjachiisaa ifii hin caalu.
MAT 10:25 Barataan akka barsiisaa ifii te'uun, hojjataan akka hojjachiisaa ifii te'uun hin geya. Isaan yoo abbaa manaa, ‹Bi'el Zebul› jedhanee waamane worra mana isaa maqaa irra caalaa badaa attamiitiin waamu'uu jiran ree!
MAT 10:26 Maarre nama hin sodaatina'a. Wonni gollame mudhatuu hin ooltu; wonni dhoffame beekkamuu hin ooltu.
MAT 10:27 Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifa guyya'aatiin dubbadha'a. Waan hasaasa'aan dhageettane guutuu manaa irraa lallaba'a.
MAT 10:28 Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina'a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande'u Waaqa sodaadha'a.
MAT 10:29 Sinbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee sinbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu.
MAT 10:30 Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera.
MAT 10:31 Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan» jedhe.
MAT 10:32 Yesuus itti dabalee, «Nama duratti ka dhugaa naa bayu duudi'iif, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti dhugaa isaaf baya.
MAT 10:33 Ka nama duratti na mormatu duudii ammoo, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti isa hin mormadha» jedhe.
MAT 10:34 Yesuus itti dabalee, «Ani gara biyya lafaa nageya fidiisaaf waan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani shallaagaa malee, nageya fidiisaaf hin dhunne.
MAT 10:35 Ani ilma abba'aan, intala haadha ifiitiin, niitii ilmaa haadha dhirsa isi'iitiin gargar baasiisaaf dhufeera.
MAT 10:36 Diinoti keessan maatuma teessan keessaa hin te'a.
MAT 10:37 «Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii na caalaa jaalatu naaf ka malee moti; nami ilma ifii yookiin intala ifii na caalaa jaalatu naaf ka malee moti.
MAT 10:38 Nami fannoo ifii ba'atee na hin hordonne naaf ka malee moti.
MAT 10:39 Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata.
MAT 10:40 «Ka isin fudhatu na fudhata; ka ana fudhatu ka ana erge fudhata.
MAT 10:41 Ka raagaa tokko waan inni raagaa te'eef fudhatu, gatii raagichaa hin dhaggata. Ka nama balchaa waan inni nama balchaa te'eef fudhatu, gatii balcha'aa hin dhaggata.
MAT 10:42 Dhugaa isiniin jedha, eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkoof, waan inni barataa kiyya te'eef, bisaan unto'oo qabbanawaa xuuxxoo tokkolle yoo kenne, gatii hin fudhata» jedhe.
MAT 11:1 Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan ajaja itti kennee hobbaaseen duuba, addee san lakkisee qachaa adaala sanii keessa lallabiisaa fi barsiisiisaaf dhaqe.
MAT 11:2 Yohaannisiin cuuphaan adoo mana hidha'aa keessa jiruu, waan Kiristoos hujiisatti jiru dhage'ee, barattoota ifii keessaa garii ergee,
MAT 11:3 «Ka hin dhufa jedhame sun si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedheen.
MAT 11:4 Yesuus deebisee, «Deebi'a'aatii waan dhageettanee fi waan dhaggitane Yohaannisitti hima'a:
MAT 11:5 Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaalle hiyyeeyyi'iif hin lallabanti.
MAT 11:6 Nami marroo tiyya mama hin qabaanne attam attam gammada» jedheen.
MAT 11:7 Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba'atti akkana dubbatee, «Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu?
MAT 11:8 Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffana dadansaa uffatu mana moototaa keessa jiran!
MAT 11:9 Maan ilaaliisaaf baatane ree? Raagaa tokko ilaaliisaafii? Ee, ani isinitti hima, isin ammoo ka guddoo raagaa caalu dhaggitane.
MAT 11:10 Inniin kun, ka Barreeffam Woyyichi, «‹Karaa keeti akka si'iin duratti qopheessu, ani ergamaa kiyya si'iin dura erga› jedhee dubbateeru.
MAT 11:11 «Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba'aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala.
MAT 11:12 Bara Yohaannisiin cuuphaan barsiisuu jalqabe irraa ka'ee haga ammaa mootummaan ol-gubba'aa hunnaan dhiibatiisatti jirti; worri itti galiisaaf dhiibatu hin fudhatan.
MAT 11:13 Raagoti duudi'ii fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganeeran.
MAT 11:14 Yoo dubbii isaanii fudhatiisa feetane, Yohaannisiin kun, Eliyaasii hin dhufa jedhame san.
MAT 11:15 Nami gurra qabu dhage'uuti.
MAT 11:16 «Dhaloota kana maaniin wol fakkeessina? Isaan akka ijoollee lafa dikko'oo keessa teteettee woliin,
MAT 11:17 ‹Suusullee isinii afuunne, isin hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine, isin hin gaddine› jedhanu fakkaattan.
MAT 11:18 Yohaannis adoo sagalee hin nyaatinii fi daadhii woyni'ii hin unin yennaa dhufe, ‹Inni durriisa qaba› jedhane.
MAT 11:19 Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‹Ilaa, gadhito'oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jedhaneen. Te'uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti» jedhe.
MAT 11:20 Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le'anu, waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaneef komate.
MAT 11:21 «Aanne'e si'iif, Koraaziin! Aanne'e si'iif, Betsayida'a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera'aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu.
MAT 11:22 Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura'aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif irra kasoo teeti.
MAT 11:23 Atille Qifirnaahoom, haga gubba'aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile'ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu.
MAT 11:24 Maarre ani sitti hima, guyyaa mura'aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti» jedhe.
MAT 11:25 Yennaa san Yesuus, «Abba'a, Goottaa ol-gubba'aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole'ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo'otti waan mudhitteef ani si galateeffadha.
MAT 11:26 Ee, Abba'a, waan kanatti gammaddeerta.
MAT 11:27 Abbaan kiyya waan mara dabarse natti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru» jedhe.
MAT 11:28 «Isin worri ba'aa ulfaattuu ba'atee dadhabe marti, gara kiyya kowa'a, ani isin foorfachiisa.
MAT 11:29 Waanjoo kiyya fuudha'aatii ba'adha'a, ana irralle'ee baradha'a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan.
MAT 11:30 Waanjoon kiyya kaso'o, ba'aan tiyya sallo'o» jedhe.
MAT 12:1 Yennaa san guyyaa Sanbataatiin Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabare; barattooti isaalle waan beelotaneeranuuf, shawwee qamadi'ii kukkutanee nyaatiisa jalqabane.
MAT 12:2 Worri Fariisaayotaa yennaa tana dhagge, «Ilaa, barattooti teeti Guyyaa Sanbataatiin waan seerri hin eeyyanne godhiisatti jirti» Yesuusiin jedhane.
MAT 12:3 Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiru yennaa beelowane waan inni godhe isin hin dubbinnee?
MAT 12:4 Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofa malee, inni yookiin worri isa woliin jiru nyaatiisaaf ta Seerri dhooggu nyaate.
MAT 12:5 Yookiin hayyooti Guyyaa Sanbataatiin Galma Waaqaa keessatti hujii yoo hujane, yakkaa te'ee akka itti hin laakkowanne, Seera Muuse'ee keessatti isin hin dubbinnee?
MAT 12:6 Ani isinitti hima, ka Galma Waaqaa caalu as jira.
MAT 12:7 Isin ammoo, ‹Ani marartii barbaada malee, ciinca'aa moti› jechuun maan akka te'e adoo beettanee jiraattanee, worra yakkaa hin qannetti yakkaa itti hin murtanuuyyu.
MAT 12:8 Ilmi Namaa Sanbata irralle'etti Gootta'a» isaaniin jedhe.
MAT 12:9 Yesuus addee san lakkisee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seene;
MAT 12:10 namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?» jettee isa gaafatte.
MAT 12:11 Yesuus deebisee, «Isin keessaa nami hoolee takkaa qabu, guyyaa Sanbataatiin yoo isiin boolla buute, achi keessaa fuudhee alatti hin baasuu?
MAT 12:12 Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma» jedhe.
MAT 12:13 Achiin duuba Yesuus namicha harka laashoween, «Harka keeti diriirsi» jedheen. Namichille yennaa harka diriirfate, harki fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii te'e.
MAT 12:14 Fariisaayoti ammoo gad bayanee, attamiin akka isa ijjeesanu mala isatti dhowane.
MAT 12:15 Yesuus yennaa tana beeke, addee san lakkisee deeme. Gumiin hedduulle isa hordotte, innille worra dhibame mara fayyisee,
MAT 12:16 marroo isaa eennulle'etti akka hin dubbanne isaan ajaje.
MAT 12:17 Kunille ka raagicha Isaayaasiin raagame akka muummowuuf te'e.
MAT 12:18 Wonni raagamelle, «Kunoo, tajaajilaan kiyya, ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddoo itti gammadde. Ayyaana kiyya isa gubbaa hin keya, innille worra Yihudoota hin te'iniif muraa dhuga'aa hin lassa.
MAT 12:19 Inni hin moromu yookiin hin iyyu, yookiin eennulle karaa keessatti qoonqoo isaa hin dhage'u.
MAT 12:20 Inni haga muraa dhuga'aa injifachiisutti leemmee caddee haanxottelle hin cassu; yookiin ifa kululu hin dhaanfu.
MAT 12:21 Worri Yihudoota hin te'inille addii isatti hin godhatan» jedhe.
MAT 12:22 Achiin duuba namicha ballaa dubbatee hin dandeenne ka ayyaanni hamaan qabeeru tokko gara Yesuusii fidane; Yesuus isa fayyise, maarre namichi dubbatiisaa fi dhaggiisa dande'e.
MAT 12:23 Gumiin marti baaseffattee, «Inni Ilma Daawitii te'innaa?» jette.
MAT 12:24 Worri Fariisaayotaa ammoo yennaa tana dhage'ane, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaa calla'aan durriisota baasa» jedhane.
MAT 12:25 Yesuus yaada isaanii beekee, «Mootummaan takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin jiddi, qachaan yookiin maatiin takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin dhaabbatu.
MAT 12:26 Seexannille Seexana yoo baase, inni ifi qoqooda; mootummaan isaa attamiin dhaabbatti ree?
MAT 12:27 Ani hunna Bi'el Zebuliitiin yoo durriisa baase, hordofattooti teessan hunna eennuutiin durriisota baasan? Tanaaf hordofattooti teessanuu isinitti hin muran.
MAT 12:28 Ani ammoo Ayyaana Waaqaatiin yoo durriisa baase, mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteerti.
MAT 12:29 «Yookiin namicha jabaa dursee hidhu malee, attamiin nami tokko mana namicha jaba'aa san seenee karra isaa saamuu dande'a? Eega isa hidhe mana isaa saamuu dande'a.
MAT 12:30 Eennulle ka golii tiyya hin te'in na moroma, nami na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa.
MAT 12:31 Tanaaf ani isinitti hima, Waaqa faanshessiisaa fi cubbuu maraaf nami araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyicha faanshessu ammoo araara hin dhaggatu.
MAT 12:32 Nami Ilma Namaatiin moromee wo jedhu araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyichaan moromee wo jedhu ammoo, bara kanalle'etti te'ee bara dhufu'uu jirulle'etti araara hin dhaggatu.
MAT 12:33 «Muki midhaan isaatiin waan beekkamuuf, midhaan dansaa akka qabaattanuuf, muka dansaa qabaadha'a; muka badaa yoo qabaattane midhaan badaa hin qabaattan.
MAT 12:34 Isin ilmaan buuti'ii! Isin hamoolee adoo teetanuu, attamiin waan dansaa dubbatiisa dandeettan? Waan gadhaa guute afaan dubbata.
MAT 12:35 Nami dansaan waan dansaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle waan hantuu gadhaa ifii keessaa waan hantuu baasa.
MAT 12:36 Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan;
MAT 12:37 Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti» jedhe.
MAT 12:38 Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin, «Barsiisa'a, nuuti akka ati beessisa nu dhaggisiittu barbaanna» jedhaneen.
MAT 12:39 Yesuus ammoo deebisee, «Dhalooti hama'aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf.
MAT 12:40 Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura.
MAT 12:41 Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, sababille lallaba Yoonaasiitiin cubbuu irraa deebiteerti; kunoo, ka Yoonaas caalu as jira!
MAT 12:42 Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira!» jedhe.
MAT 12:43 Yesuus, «Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bayu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a, ammoo hin dhaggatu.
MAT 12:44 Achiin duuba, ‹Ani mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. Yennaa deebi'u, manni duwwaa te'ee, haxowamee, qophoweeruun dhagga.
MAT 12:45 Achiin duuba Ayyaanni hamaan sun Ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamoota te'ane dhaqee fida; isaanille itti galanee achi le'an; haalli nama sanii ka durii caalaa ka duubarraa kun itti hammaata. Maarre dhaloota hamaa kana irralle'etti akkanuma hin te'a» jedhe.
MAT 12:46 Adoo Yesuus gumi'itti dubbatiisatti jiruu, haadhaa fi obboleeyyan isaa, isa dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbataneeraniiyyu. [
MAT 12:47 Yennaa san nami tokko Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti si dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbatiisatti jiran» jedheen.]
MAT 12:48 Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa eennu, obboleeyyan tiyyalle eennu fa'a?» jedheen.
MAT 12:49 Achiin duuba gara barattoota ifii harkaan akeekee, «Kunoo ti! Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya!
MAT 12:50 Nami fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa godhu marti obboleessaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.
MAT 13:1 Guyyuma san Yesuus manaa bayee dhaqee abbaayaa Galiila'aa bira tee'e.
MAT 13:2 Gumiin hedduun isa biratti wolitti qabannaan, inni hoboloo takka keessa seenee barsiisiisaaf tee'e; kolbaan hedduulle qarqara abbaaya'aa dhaabbatteertiiyyu.
MAT 13:3 Inni mammaassaan waan hedduu isaanitti himiisaaf ka'ee, «Caqasa'a! Nami tokko sanyii facaasiisaaf baye.
MAT 13:4 Inni adoo facaasuu, sanyiin gariin karaa keessa harcaate, sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte.
MAT 13:5 Sanyiin dhibiin lafa dhakittii, addee biyyee guddoo hin qanne irra buute; biyyee gad fago'oo waan hin qanneef ariifattee muute.
MAT 13:6 Yennaa aduun itti baate ammoo qoorte; hidda gad fagaate waan hin qanneef godde.
MAT 13:7 Sanyiin gariin qoree keessa buute, qoreelle guddattee isii huute.
MAT 13:8 Sanyiin dhibiin biyyee dansaa irra buute, gariin midhaan dhibba, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan soddoma buutte.
MAT 13:9 Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedhe.
MAT 13:10 Achiin duuba barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Ati maaf mammaassaan kolba'atti dubbatta?» jedhane gaafatane.
MAT 13:11 Yesuus deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti, isaaniif ammoo hin kennanne.
MAT 13:12 Ka qabuuf, itti dabalantee hin kennantiif, bacaalle hin qabaata; ka wo hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatanti.
MAT 13:13 Wonni ani mammaassaan isaanitti dubbadhuuf, isaan adoo ilaalanuu hin dhagganu, adoo caqasanuu hin dhage'anu, yookiin hin hubatanu.
MAT 13:14 Maarre raagi Isaayaas dubbatte isaan irratti muummoweera; wonni raagamelle, «‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu, ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu,
MAT 13:15 qalbiin isaanii waan sigiddeef, gurri isaanii hin dhage'u, ilti isaanii dunuunfatteerti, maarre isaan ila isaaniitiin hin ilaalanu, gurra isaaniille'een hin caqasanu, qalbii isaaniitille'een hin hubatanu, hin deebi'anulle'e, anille silaa isaan hin fayyisaayyu› jedhe.
MAT 13:16 «Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage'uuf isin ka badhaatane.
MAT 13:17 Ani dhugaa isinitti hima, raagoti heddu'uu fi kolbaan balchooti hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf halchanee, ammoo hin dhaggine, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo hin dhageenne» jedheen.
MAT 13:18 Yesuus itti dabalee, «Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maan akka te'e dhage'a'a.
MAT 13:19 Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage'ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata.
MAT 13:20 Sanyiin lafa dhakittii irratti facaafante, nama jecha dhage'ee yoosuma gammadaan fudhatu;
MAT 13:21 Te'uu malee inni hidda hin qabu, yennaa qofaaf jabaata malee, sababa jechaatiif yennaa rakkoon yookiin miidhaan kaatu, inni yoosuma gufata.
MAT 13:22 Sanyiin qoreelee odduu buute sun nama jecha dhage'u, ammoo yaaddoon lafa tanaatii fi jaalalli durumma'aa jecha hudha, midhaanille hin buusu.
MAT 13:23 Sanyiin biyyee dansaa irra buute ammoo, sun nama jecha dhage'ee hubatu, ka dhugumaan midhaan buusu, tokkochi midhaan dhibba, ka dhibiin midhaan jaatama, ka dhibiille midhaan soddoma buusan» jedhe.
MAT 13:24 Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa ifii keessatti sanyii dansaa facaase tokkoon wol fakkaatti.
MAT 13:25 Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi'iititti jigidaa facaasee deeme.
MAT 13:26 Yennaa qamadiin lattee midhaan buutte, jigidaalle mudhate.
MAT 13:27 Tajaajiltooti abbaa ficha'aalle dhufanee, ‹Gootta'a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?› jedhaneen.
MAT 13:28 Inni deebisee, ‹Kana ka godhe diina› jedhe. Tajaajiltooti deebisanee, ‹Nuuti dhandhee akka bubuqqinnu barbaaddaa ree?› jedhaneen.
MAT 13:29 Inni ammoo deebisee, ‹Waawwo'o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan.
MAT 13:30 Haga yennaa haamma'aatitti jigida'aa fi qamadiille wolumaan guddatanuu ti; yennaa haamma'aa, ani worra haamuun, akka gubamuuf dursa'aatii jigidaa buqqisa'aa laddee ladde'een hidha'a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha'a› jedhaan» jedhe.
MAT 13:31 Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa midhaan sanaafici'ii ka nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti facaase fakkaatti;
MAT 13:32 midhaan isi'ii midhaan mara caalaa diqqaata, yennaa guddatte ammoo waan ficha'atti facaafame mara caaltee muka teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii keessatti mana ifii ijaarratti» jedhe.
MAT 13:33 Yesuus ammalle mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa uukoo dubartiin takka fuutee bullaa safartuu sadiin wolitti mattee, bullaa san mara bukeessitu fakkaatti» jedhe.
MAT 13:34 Yesuus mammaassaan waan kana mara gumi'itti dubbate; mammaassaan male waan tokkolle isaanitti hin dubbanne.
MAT 13:35 Wonni raagaan, «Mammaassaan afaan saaqadha; dadama biyya lafaatii jalqabee waan dhokate dubbadha» jedhe tanaan muummotte.
MAT 13:36 Achiin duuba Yesuus gumii lakkisee mana seene. Barattooti isaalle gara isaa dhikaatanee, «Mammaassa jigidaa fichaa qamadi'ii keessaa nuu hiiki» jedhaneen.
MAT 13:37 Yesuus deebisee, «Ka sanyii dansaa facaasu Ilma Namaa ti;
MAT 13:38 fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti;
MAT 13:39 diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti.
MAT 13:40 Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle'etti akkasuma hin teeti.
MAT 13:41 Ilmi Namaa ergantoota ifii hin erga; isaanille worra sababa cubbu'uu te'ee fi worra hantuu huju mara mootummaa isaa keessaa wolitti qabanee,
MAT 13:42 addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti isaan gatan.
MAT 13:43 Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedheen.
MAT 13:44 Yesuus, «Mootummaan ol-gubba'aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate.
MAT 13:45 «Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti;
MAT 13:46 daldaltichi dooqa gatii gudda'aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate.
MAT 13:47 «Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa caccoo qurxummi'ii ta abbaaya'atti afanee qurxummii adda addaa duudii qadde fakkaatti;
MAT 13:48 caccoon yennaa guutte, isaan gara cina'aa harkisanee, gad tee'anee, qurxummii dadansaa saaxaraa keessa keyatanee, babadduu ammoo gatane.
MAT 13:49 Yennaa muummee biyya lafaalle akkasuma hin teeti. Ergantooti Waaqaa dhuttee worra hamoota worra balchoota irraa gargar baattee,
MAT 13:50 addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti hin qolaansan» jedhe.
MAT 13:51 Yesuus, «Kana mara hubattaneertanii?» jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanee, «Ee» jedhane.
MAT 13:52 Innille isaaniin, «Tanaaf barsiisaan Seeraa ka mootummaa ol-gubba'aatiif leenji'e, abbaa manaa ka meya mana ifii keessaa waan haareyaa fi waan dullattii gad baasu fakkaata» jedhe.
MAT 13:53 Yesuus yennaa mammaassa kana fixate, addee san lakkisee deeme.
MAT 13:54 Inni gara biyya ifii dhufee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiise. Worri isa dhage'elle baaseffatanee, «Namichi kun qarummaa tana eessaa dhaggate, bilbaasi kunille maan?» jedhane.
MAT 13:55 Kun ilma namicha muka bocuutii motii? Haati isaa Maariyaam jedhantii motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihuda'aa motii?
MAT 13:56 Obboleettoti isaalle martinuu nu woliin jiranii motii? Inni waan kana mara eessaa dhaggate?
MAT 13:57 Tanaaf isaan isa tuffatane. Yesuus ammoo isaaniin, «Raagaan tokko addee dhibi'itti malee, biyya ifiitii fi mana ifii keessatti ulfinna hin dhaggattu» jedhe.
MAT 13:58 Sababa dhugeeffatiisa dhaba isaaniitiif, inni bilbaasota hedduu achitti hin hunye.
MAT 14:1 Yennaa san Heroodisiin bulchaan biyya Galiila'aa, gurra Yesuusii dhage'ee,
MAT 14:2 tajaajiltoota ifiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'a; isatti du'a keessaa ka'eera, kanaaf hujiin bilbaasaa tun isaan hujamiisatti jirti» jedhe.
MAT 14:3 Heroodis sababa Heroodiyaasii niitii obboleessa ifii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisiseeraayyu.
MAT 14:4 Yohaannis Heroodisiin, «Niitii obboleessa keetii fuudhuun sii seeraa moti» jedheeraayyu.
MAT 14:5 Heroodis, Yohaannis ijjeesiisaaf barbaade, ammoo kolbaan akka raaga'aatitti waan ilaalteertuuf sodaate.
MAT 14:6 Guyyaan dhaloota Heroodisii ulfeeffamuu yennaa geye ammoo, intalti Heroodiyaasii keessummoota duratti sirbitee, Heroodis guddoo gammachiitte.
MAT 14:7 Tanaaf Heroodis isi'iin, «Waan ati na gaafattu mara si'iif hin kenna» jedhee waadaa galeef.
MAT 14:8 Isiin Haadha ifiitiin gorfantee, «Ammuma mataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti naa kenni» jette.
MAT 14:9 Mootichi gadde; te'uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi'iif kennamu ajaje;
MAT 14:10 Ittille ergee, mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kuchisiise.
MAT 14:11 Mataan sun qori'itti fidamee intalaaf kenname; isiin gara haadha ifii fidde.
MAT 14:12 Barattooti Yohaannisii dhufanee reeffa isaa fuudhanee awwaalane; achiin duuba dhaqanee Yesuusitti himane.
MAT 14:13 Yesuus du'a Yohaannisii yennaa dhage'e, addee san lakkisee qofuu hobolo'oon addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte.
MAT 14:14 Yesuus qarqara abbaaya'aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise.
MAT 14:15 Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen.
MAT 14:16 Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna'aaf!» jedhe.
MAT 14:17 Isaan deebisanee, «Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna» jedhane.
MAT 14:18 Yesuus, «Sanuma gara kiyya as fida'a!» jedhe.
MAT 14:19 Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxumii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi'iif kennane.
MAT 14:20 Isaan martinuu nyaatanee quufane; hambaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane.
MAT 14:21 Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.
MAT 14:22 Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu'anu godhe.
MAT 14:23 Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu;
MAT 14:24 yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali'iin asii fi achi dadarbante.
MAT 14:25 Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe.
MAT 14:26 Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, «Kun ekera'a» jettee soda'aan iyyite.
MAT 14:27 Yennuma san ammoo Yesuus, «Jabaadha'a! Wonni anaa, hin sodaatina'a!» jedhee dubbate.
MAT 14:28 Pheexroos deebisee, «Gootta'a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji» jedheen.
MAT 14:29 Yesuus deebisee, «Koy!» jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe.
MAT 14:30 Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, «Gootta'a, na fayyisi!» jedhee iyye.
MAT 14:31 Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, «Ati nama dhugeeffannaa diqqo'oo! Maaf mante?» jedheen.
MAT 14:32 Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise.
MAT 14:33 Worri hoboloo keessaa, «Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti» jedhee Yesuusiif sagade.
MAT 14:34 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa gamatti bu'ane, lafa Genesaarex jedhantu geyane.
MAT 14:35 Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee,
MAT 14:36 handaaruma woyaa isaalle akka isaan tuqanu kadhatte; worri tuqe martinuu fayye.
MAT 15:1 Achiin duuba Fariisaayotaa fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhufanee,
MAT 15:2 «Barattooti teeti maaf aadaa maanguddo'oo ulfeessuu dhaban? Isaan nyaatiisaan dura harka ifii hin dhiqatanu!» jedhaneen.
MAT 15:3 Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan?
MAT 15:4 Waaqi, ‹Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du'uu qaba› jedhee ajajeera.
MAT 15:5 Isin ammoo nami tokko abba'aan yookiin haadhaan, ‹Qarqaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera› yoo jedheen,
MAT 15:6 inni ‹Abba'aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu› jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan.
MAT 15:7 Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif raagee,
MAT 15:8 «‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti, gadhaan isi'ii narraa fago'o.
MAT 15:9 Kolbaan tun ajaja namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, akkasumaan na waaqonsiti› ta jedhe dhuga'a» jedhe.
MAT 15:10 Achiin duuba Yesuus gumii gara ifii waamee, «Caqasa'aatii hubadha'a:
MAT 15:11 wonni nama batteessu waan afaan namaa keessaa bawu malee, waan gara afaan namaa seenuu moti» jedheen.
MAT 15:12 Achiin duuba barattooti itti dhikaattee, «Worri Fariisaayotaa waan ati jette yennaa dhage'ane akka gufatane beettaa?» jedhaneen.
MAT 15:13 Yesuus deebisee, «Wonni Abbaan kiyya ka ol-gubba'aa hin dhaabin marti hin buqqaati.
MAT 15:14 Waan isaanii lakkisa'a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu'an» jedhe.
MAT 15:15 Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaassa kana nuuf hiiki» jedheen.
MAT 15:16 Achiin duuba inni, «Isinille haga ammaa hin hubatin jirtanii?
MAT 15:17 Wonni afaaniin seenu martinuu, gadha'atti dabaree, nafa namaa keessaa akka bawu isin hin hubattanuu?
MAT 15:18 Wonni afaan namaatii bawu ammoo gadhaa irraa dhufa, wonni nama batteessulle kana.
MAT 15:19 Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya.
MAT 15:20 Wonni nama batteessu kana malee, harka hin dhiqatiniin nyaatiis nama hin batteessu» jedheen.
MAT 15:21 Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqe.
MAT 15:22 Achiin duuba dubartiin biyya Kana'aanii takka adaala sanii dhuttee, «Ilma Daawitii, Gootta'a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marari» jedhaa iyyite.
MAT 15:23 Inni ammoo womaa isi'iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, «Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!» jedhaa isa kadhatane.
MAT 15:24 Yesuus deebisee, «Ani worra akka hoole'ee bade kolbaa Israa'elii qofaaf ergame» jedheen.
MAT 15:25 Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, «Gootta'a, na gargaar» jetteen.
MAT 15:26 Yesuus deebisee, «Sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun sirri'ii moti» jedheen.
MAT 15:27 Isiin deebittee, «Ee, Gootta'a, te'uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette.
MAT 15:28 Achiin duuba Yesuus deebisee, «Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo'o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu» jedheen. Intalti isi'iille yoosuma fayyite.
MAT 15:29 Yesuus achii deemeen duuba, cinaa abbaayaa Galiila'aatiin dabaree, gaaratti ol bayee achi tee'e.
MAT 15:30 Gumiin guddoon worra fafowe, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise.
MAT 15:31 Maarre gumiin worri dubbatee hin dandeenne dubbatuun, fafooti fayyanuun, naafoti ideemanuun, ballooti dhagganuun yennaa dhaggite baaseffatte. Waaqa Israa'eliille galateeffatte.
MAT 15:32 Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef nayeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu» jedheen.
MAT 15:33 Barattooti, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen.
MAT 15:34 Yesuus, «Xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafate. Isaan, «Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna» jedhaneen.
MAT 15:35 Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje.
MAT 15:36 Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba'aaf kennane.
MAT 15:37 Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane.
MAT 15:38 Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur.
MAT 15:39 Yesuus gumii san geegesseen duuba, hoboloo yaabee gara lafa Magadaan jedhantu dhaqe.
MAT 16:1 Worri Fariisaayotaatii fi worri Saduqootaa dhufanee, Yesuus haga ilaaliisaaf beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka itti mudhisu isa gaafatane.
MAT 16:2 Inni deebisee, «Yennaa galgalaa, ‹Gubbaan waan diimatteertuuf, haalli qilleensaa dansa'a› jettan;
MAT 16:3 bariille, ‹Gubbaan waan diimattee dukkudhootteertuuf, adha hin rooba› jettan. Bifa gubba'aa ilaaltanee attam akka te'u himuu hin beettan, beessisa baraa ammoo attam akka te'u himuu hin dandeettanu.
MAT 16:4 Dhalooti hama'aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme.
MAT 16:5 Barattooti yennaa abbaaya'aan gamatti bu'ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran.
MAT 16:6 Yesuus, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a» isaaniin jedhe.
MAT 16:7 Isaan wol woliin, «Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha» jedhane.
MAT 16:8 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan?
MAT 16:9 Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu?
MAT 16:10 Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu?
MAT 16:11 Marroo daabbo'oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a!» isaaniin jedhe.
MAT 16:12 Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo'oo irraa adoo hin te'in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachiise hubatane.
MAT 16:13 Yesuus gara lafa qachaa Qiisaariyaa Filiphoosii bira yennaa dhaqe, barattoota ifiitiin, «Kolbaan Ilma Namaatiin eennu jetti?» jedhee gaafate.
MAT 16:14 Isaan deebisanee, «Gariin, ‹Yohaannisii cuupha'a› si'iin jedhan, worri dhibiin ammoo, ‹Eliyaas› si'iin jedhan, worri dhibiille, ‹Ermiyaas yookiin raagota keessaa tokko› si'iin jedhan» jedhaneen.
MAT 16:15 Inni deebisee, «Isin hoo eennu anaan jettan?» isaaniin jedhe.
MAT 16:16 Simoon Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii, Ilma Waaqa jiraata'aa ti» jedhe.
MAT 16:17 Yesuusille deebisee, «Ilma Yoona'aa Simoon, ati ka badhaate! Kana Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jirutti sitti mudhise malee, namaa moti.
MAT 16:18 Maarre Pheexroos, ani sitti hima, ati rassa'a; rassaa kana irratti wolde'a kiristaanaa kiyya hin ijaara; hunna du'aalle wolde'a kiristaanaa kana hin injifattu.
MAT 16:19 Ani furtuu mootummaa ol-gubba'aa si'iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a» jedhe.
MAT 16:20 Achiin duuba Yesuus Masiihii akka te'e eennulle'etti akka hin hinne jabeessee barattoota ifii ajaje.
MAT 16:21 Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole'eetitti, harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeefamalle'e; guyyaa sadeesso'oo ammoo hin ka'a» jedhu'utti ka'e.
MAT 16:22 Pheexroos cina'atti isa baasee, «Gootta'a, Waaqi si hanqisu! Wonni kun ijjumaa si hin dhaqqabin» jedhaa isa xixuu jalqabe.
MAT 16:23 Inni ifi irra garagalee, Pheexroosiin, «Seexana, ana irraa bayyadhu! Qalbiin teeti waan namaa malee, waan Waaqaa waan hin yaadaneef, ati naaf gufu'u» jedheen.
MAT 16:24 Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba'atee na hordofuu ti.
MAT 16:25 Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata.
MAT 16:26 Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu'uu dande'a ree?
MAT 16:27 Ilmi Namaa ulfinna Abbaa ifiitiin ergantoota ifii woliin hin dhufa; achiin duuba tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii hin kennaaf.
MAT 16:28 Ani dhugumaan isinitti hima, worra as dhaabbatanu keessaa, Ilmi Namaa mootummaa ifiitiin dhufuun haga dhagganutti, namooti hin duune jiran» jedhe.
MAT 17:1 Guyyaa jaan duuba, Yesuus Pheexroosii fi Yaaqoob, Yohaannisii obboleessa Yaaqoobille fudhatee, gara gaara dheeraa tokkoo qofitti ol isaan baase.
MAT 17:2 Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu'uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete.
MAT 17:3 Dedhuma Muuse'ee fi Eliyaas Yesuus woliin dubbatanuun dhaggane.
MAT 17:4 Achiin duuba Pheexroos Yesuusiin, «Gootta'a, asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Yoo fedhii keeti te'e, gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedhe.
MAT 17:5 Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle'ee qoonqoon takka, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage'a'a!» jette.
MAT 17:6 Barattooti yennaa tana dhage'ane, rifatanee lafa irratti fuulaan gad jigane.
MAT 17:7 Yesuus ammoo isaanitti dhikaatee harkaan isaan qaqqabee, «Ka'aa, hin sodaatina'a!» jedheen.
MAT 17:8 Isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Yesuus malee nama tokkolle hin dhaggine.
MAT 17:9 Isaan gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, Yesuus, «Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan dhaggittane kana nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee barattoota ifii ajaje.
MAT 17:10 Barattooti isaalle, «Barsiisoti seera Muuse'ee, ‹Eliyaasitti dursee dhufuu qaba› maaf jedhan ree?» jedhanee isa gaafatane.
MAT 17:11 Inni deebisee, «Eliyaas waan mara adde'etti deebisiisaaf dhugumaan hin dhufa;
MAT 17:12 Ani ammoo isinitti hima Eliyaas duruu dhufeera, kolbaan isa hin hubanne, akkuma fedhane isa godhane. Maarre Ilmi Namaalle harka isaaniititti hin rakkata» jedheen.
MAT 17:13 Achiin duuba barattooti akka inni marroo Yohaannisii cuupha'aa isaanitti dubbatiisatti jiru hubatane.
MAT 17:14 Yennaa Yesuusii fi barattooti isaa sadiin gara gumi'ii deebi'ane, namichi tokko dhufee, Yesuus duratti jilbiiffatee,
MAT 17:15 «Gootta'a, mucaa kiyya mararfadhu, inni dhukkuba gaggaddu'uu waan qabuuf guddoo rakkatiisatti jira; inni yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti jiga.
MAT 17:16 Ani gara barattoota teetii isa fidee, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne» jedhe.
MAT 17:17 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin dhugeeffannee fi dabaalessa! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!» jedhe.
MAT 17:18 Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye.
MAT 17:19 Achiin duuba barattooti qofuu gara Yesuusii dhufanee, «Nuuti maaf ayyaana hamaa san baasuu dadhanne?» jedhanee isa gaafatane.
MAT 17:20 Yesuus deebisee, «Waan dhugeeffannaan teessan diqqaatteef re! Ani dhugumaan isinitti hima, dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii adoo qabaattanee, gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettane, innille hin deema; wonni isiniif hin dande'anne hin jirtu. [
MAT 17:21 Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu» isaaniin jedhe.]
MAT 17:22 Yennaa barattooti isaa Galiilaa keessatti wolitti qabamane, Yesuus isaaniin, «Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama,
MAT 17:23 isaanille isa hin ijjeesan, inni ammoo guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaanille guddoo gaddane.
MAT 17:24 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Qifirnaahoom geyane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, «Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?» jedhaneen.
MAT 17:25 Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, «Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi'ii irraa guuran?» jedhee isa gaafate.
MAT 17:26 Pheexroos deebisee, «Nama biyya dhibi'ii irraa guuran» jedheen. Yesuus deebisee, «Nami biyya isaanii bilisa ree!
MAT 17:27 Te'uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya'aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaan isi'ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii naaf, ifille'eef kaffali!» jedheen.
MAT 18:1 Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?» jedhaneen.
MAT 18:2 Inni daa'ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee,
MAT 18:3 «Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa'immaanii hin te'in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba'aatitti hin galtanu.
MAT 18:4 Eennulle ka akka daa'ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba'aa keessatti mara ka caalu te'a.
MAT 18:5 Eennulle daa'ima akkasii maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata.
MAT 18:6 «Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa natti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te'e, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya'aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya.
MAT 18:7 Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne'e! Wonni gufachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!
MAT 18:8 Harki keeti yookiin miilli keeti akka cubbuu tolchitu yoo si gufachiise, kutii gati; harka lamaan yookiin miila lamaan qabaattee ibidda bara baraatitti gatamiisaa mannaa, fafoottee yookiin naafattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya.
MAT 18:9 Ilti teetille yoo si gufachiitte, ifi keessaa baasii gati; ila lamaan qabaattee qilee ibiddaatitti gatamiisaa mannaa, ila takkaa qabaattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya» jedhe.
MAT 18:10 Yesuus, «Ani isinitti hima, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaa jirtu, ta isaan eeddu yennaa mara fuula Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu waan ilaaltuuf, worra didiqqaa kana keessaa tokkocha akka hin tuffanne ifi eegadha'a. [
MAT 18:11 Ilmi Namaa worra bade fayyisiisaaf dhufe.]
MAT 18:12 Maan isinitti fakkaatti? Nami tokko hoolota dhibba qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo badde, sagaltamii sagal gaara irratti lakkisee ta badde san hin barbaaduu?
MAT 18:13 Ani dhugumaan isinitti hima, inni yoo isii dhagge, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada.
MAT 18:14 Akkasuma worra didiqqaa kana keessaa tokkolle akka badu fedhii Abbaa keessan ka ol-gubba'aatii moti.
MAT 18:15 «Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage'e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta.
MAT 18:16 Inni yoo si hin dhage'in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi.
MAT 18:17 Inni yoo isaan dhage'uu dide, wolde'a kiristaanaatitti himi; wolde'a kiristaanaalle yoo dhage'uu dide, akka worra Yihudoota hin te'iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkow.
MAT 18:18 «Ani dhuguma isinitti hima, wonni isin lafa irratti hiitane ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a; wonni isin lafa irratti hiittanelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a.
MAT 18:19 Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha.
MAT 18:20 Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe.
MAT 18:21 Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, «Gootta'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?» jedheen.
MAT 18:22 Yesuus deebisee, «Ani haga yennaa torbaatamii torbaa ti malee, haga yennaa torbaati si'iin hin jedhu.
MAT 18:23 «Waan kanaaf mootummaan ol-gubba'aa mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatiisaaf barbaade tokko fakkaatti.
MAT 18:24 Inni yennaa herreguu jalqabe, nama inni beenyaa beesee irraa qabu tokko itti fidane.
MAT 18:25 Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje.
MAT 18:26 Maarre hojjataan sun miila isaatitti jigee, ‹Naa ossadhu, anille waan maraa sii hin kaffala› jedhee kadhate.
MAT 18:27 Goottaalle isaaf nayee, beenyaa isaalle lakkiseefii, akka deemuuf gad lakkise.
MAT 18:28 Hojjataan sun ammoo, akkuma gad bayeen, hojjatuma akka isaa meetii dhibba tokko beenyaa irraa qabutti bayee, hudheelle isa qabee, ‹Beenyaa kiyya naaf deebis› jedheen.
MAT 18:29 Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‹Naa ossadhu, ani sii kaffala› jedhee isa magannifate.
MAT 18:30 Inni ammoo dide; achiin duuba qabee dhaqee haga inni beenyaa isaa kaffalutti mana hidha'aatitti galchisiise.
MAT 18:31 Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te'e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te'e san mara goottaa isaaniititti himane.
MAT 18:32 Achiin duuba goottaan isa waansisee, ‹Ati hojjataa hamaalessa! Waan na magannifatteef ani beenyaa san mara sii lakkise.
MAT 18:33 Akkuma ani si mararfadhe, atille hojjataa akka keetii mararfatu'uu hin mallee ree?› jedheen.
MAT 18:34 Aari'iin goottaan isaa haga inni beenyaa isa irra jiru mara kaffalutti worra isa rakkisutti dabarsee kenne.
MAT 18:35 «Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha» jedhe.
MAT 19:1 Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, Galiilaa lakkisee laga Yordaanosiitiin gama gara lafa Yihuda'aa dhaqe.
MAT 19:2 Gumiin guddoon isa hordottee, innille achitti isaan fayyise.
MAT 19:3 Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, «Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?» jedhanee isa gaafatane.
MAT 19:4 Yesuus deebisee, «Waaqi jalqaba, ‹dhiiraa fi dubartii› tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?» jedhe.
MAT 19:5 Itti dabaleelle, «Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te'an.
MAT 19:6 Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
MAT 19:7 Fariisaayoti, «Abbaan manaa woraqata lakkeessaa kenneefii akka isii lakkisu, Muuseen maaf ajaje ree?» jedhaneen.
MAT 19:8 Yesuus deebisee, «Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti.
MAT 19:9 Anille isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami haadha manaa ifii lakkisee ta dhibii fuudhu, hin gaarayyeeffata» isaaniin jedhe.
MAT 19:10 Barattooti isaa deebisanee, «Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya» jedhaneen.
MAT 19:11 Yesuus deebisee, «Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande'ee hin fudhatu.
MAT 19:12 Worri guneessa te'anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te'anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande'u fudhatuu ti» isaaniin jedhe.
MAT 19:13 Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane;
MAT 19:14 Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa'a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina'a» jedhe.
MAT 19:15 Innille harka ifiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme.
MAT 19:16 Achiin duuba namichi tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf, hujii dansaa maan hujuu qaba?» jedheen.
MAT 19:17 Yesuus deebisee, «Marroo hujii dansa'aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru'utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu» jedheen.
MAT 19:18 Namichi dargaggeessi, «Ajajooti kam inni?» jedheen. Yesuus deebise, « ‹Hin ijjeesin; hin gaarayyeeffatin; hin hatin; dharaan dhugaa hin bayin;
MAT 19:19 haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; ammalle, ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu» jedheen.
MAT 19:20 Dargageessille deebisee, «Ani ajajoota kana eegadheera; ammaa wonni narraa dhidhateeru maan?» jedhe.
MAT 19:21 Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te'uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi'iif kenni; ol-gubba'atti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen.
MAT 19:22 Dargaggeessi sun tana yennaa dhage'e, karra guddoo waan qabuuf, gaddaa achii deeme.
MAT 19:23 Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba'aatitti galiisi guddoo rakkisa'a.
MAT 19:24 Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe.
MAT 19:25 Barattooti isaa yennaa tana dhage'ane, guddoo maalalanee, «Eentu fayyuu dande'a ree?» jedhane.
MAT 19:26 Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande'antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande'anti» jedhe.
MAT 19:27 Achiin duuba Pheexroos deebisee, «Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu'uu jirra ree?» jedhe.
MAT 19:28 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, biyya lafaa haareya dhuttutti, Ilmi Namaa barcumaa mootummaa ulfinna ifii gubbaa yennaa tee'u, isin worri na hordottanelle barcumaa mootumma'aa kudhanii lama gubbaa teettanee, gosa Israa'elii kudhanii lamatti murtan.
MAT 19:29 Nami naaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata.
MAT 19:30 Ammoo worri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te'a» isaaniin jedhe.
MAT 20:1 «Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa woyni'ii qabu, ka barii halkaniin addee woynii ifiitiif hojjattoota qaxaru'uuf baye tokko fakkaatti.
MAT 20:2 Beesee mindaa guyyaa tokkootiin hojjattootaan wolii galeen duuba, gara fichaa woynii ifiititti isaan erge.
MAT 20:3 Gara saatii sadiititti inni yennaa gad bawu, worra dhibii addee dikko'oo hujii malee dhaabbatiisatti jiranu dhagge;
MAT 20:4 innille isaaniin, ‹Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a; anille kaffaltii malte isinii kaffala› jedheen.
MAT 20:5 Maarre isaanille dhaqane. Gara saatii jaatii fi gara saatii sagaliille'etti inni bayee akkasuma godhe.
MAT 20:6 Gara saatii kudhanii tokkoolle'etti inni bayee worra dhibii adaala san dhaabbateeruun dhaggee, ‹Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabbattan?› jedheen.
MAT 20:7 Isaanille, ‹Nama nu qaxaru waan dhanneef as dhaabbanna› jedhaneen. Inni, ‹Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a› jedheen.
MAT 20:8 Yennaa galgalootte, abbaan fichaa woyni'ii toowataa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra duubarra qaxarameen jalqabii haga worra dursee qaxarameetitti, kaffaltii isaanii kenniif› jedheen.
MAT 20:9 Worri gara saatii kudhanii tokkootitti qaxaramane dhufanee, tokko tokkoon isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatane.
MAT 20:10 Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane.
MAT 20:11 Isaan yennaa beesee fudhatanelle, abbaa fichaa woyni'ii irratti gungumanee,
MAT 20:12 ‹Hojjattooti duubarra qaxaramane saatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu'utti woxalamaa guyyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite› jedhane.
MAT 20:13 Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan, ‹Jaali, ani womaa si hin balleessine; ati guyya'atti mindaa guyyaa tokkootiin motii ka anaan wolii galte?
MAT 20:14 Kaffaltii teeti fudhadhuu deemi; haguma si'iif kenne namicha duubarra qaxarame kanaafille kenniisa fedha.
MAT 20:15 Beesee tiyyaan waan fedhe godhuu hin dande'uu? Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaattaa?› jedhe» jedhe.
MAT 20:16 Achiin duuba Yesuus, «Worri duubaa dura, worri duraa duuba hin te'an» jedhe.
MAT 20:17 Yesuus gara Yerusaalemii ol deemiisatti jiruun, barattoota kudhanii lamaa qofitti fuudhee,
MAT 20:18 «Kunoo, nuuti gara Yerusaalemii ol bayiisatti jirra, Ilmi Namaa sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraatitti dabarfamee hin kennama; isaanille yakkaa du'aa isatti muran.
MAT 20:19 Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe.
MAT 20:20 Achiin duuba haati ilmaan Zabdewoosii ilmaan ifii woliin gara Yesuusii dhuttee, isa duratti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa gaafatte.
MAT 20:21 Innille isi'iin, «Ati maan barbaadda?» jedhe. Isiille isaan, «Ilmaan tiyya lamaan tun mootummaa teeti keessatti tokkochi midda keetitti, tokkochi bitaa keetitti, akka tee'anu naa godhi» jetteen.
MAT 20:22 Yesuus ammoo deebisee, «Isin waan gaafatanu hin beettanu. Isin muduunuu rakko'oo ta ani uniisa geyeeru unuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe. Isaanille, «Nuuti hin dandeenna» isaan jedhane.
MAT 20:23 Innille, «Isin dhugumaan muduunuu rakko'oo ta ani unu hin untan, ammoo ka namoota midda kiyyaa fi bitaa kiyyatti teessisu anaa moti; addeen tun worra Abbaan kiyya isaaniif qopheesseeruuf kennanti» isaaniin jedhe.
MAT 20:24 Barattooti kudhan marroo waan kanaa yennaa dhage'ane, obboleeyyan lamaan sanitti aarane.
MAT 20:25 Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Bulchitooti worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii irratti akka goottomanu, qondaaltoti isaaniille isaan irratti baallii guutuu akka qabanu isin hin beettan.
MAT 20:26 Odduu teessanitti akkas hin teetu; eennulle isin keessaa nami guddaa te'uu fedhu tajaajilaa keessan te'uu ti;
MAT 20:27 akkasuma eennulle isin keessaa nami nama namaan duraa te'uu fedhu garbicha keessan te'uu ti;
MAT 20:28 Ilmi Namaalle tajaajiliisaa fi kolbaa heddu'uuf jiruu ifii wodoo godhee kenniisaaf dhufe malee, akka isa tajaajilanuuf hin dhunne» jedhe.
MAT 20:29 Yesuusii fi barattooti isaa Yeriko'oo bayanee deemanuun, gumiin guddoon Yesuus hordotte.
MAT 20:30 Namooti ballaan lamaan achi karaa cinaa tetee'anee jiraniiyyu. Akka Yesuus karaa san dabariisatti jiru yennaa dhage'ane, iyyanee, «Gootta'a, Ilma Daawitii, nuu marari!» jedhaa iyyane.
MAT 20:31 Gumiin akka isaan cadhisanu xixxe; isaan ammoo ittuma caalchisanee qoonqoo guddo'oon, «Gootta'a, Ilma Daawitii, nuu marari!» jedhaa iyyane.
MAT 20:32 Yesuus dhaabbatee isaan waamee, «Maan akka ani isiniif godhu barbaaddan?» jedheen.
MAT 20:33 Isaan deebisanee, «Gootta'a, ilti teenna akka banantu barbaanna» jedhaneen.
MAT 20:34 Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane.
MAT 21:1 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee,
MAT 21:2 «Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a, yoosuma harree hidhanteertu takka, ta ilmayyoo woliin jirtu hin dhaggitan; hiika'aatii naa fida'a.
MAT 21:3 Eennulle yoo waan tokko isiniin jedhe, ‹Gootta'atti isaan barbaada, inni adoo hin turin hin deebisa› jedha'aan» isaaniin jedhe.
MAT 21:4 Wonni raagaan raage akka muummottuuf tun teete;
MAT 21:5 wonni raagaan raagelle, «Qachaa Xiyooniitiin, ‹Kunoo, mootiin keeti gad ifi qabee, harre'ee fi ilmayyoo harre'ee irra tee'ee, gara keeti dhufaara› jedha'aan» ka jedhu.
MAT 21:6 Barattooti dhaqanee akkuma Yesuus isaan ajaje godhane;
MAT 21:7 Isaan harree sanii fi ilmayyoo harre'ee san fidane, woyaa ifii irra keyanee, innille irra tee'e.
MAT 21:8 Gumiin guddoon woyaa ifii karaa irratti atte; worri dhibiille dameelee baalaa muka irraa caccassanee karaa irratti firfirsane.
MAT 21:9 Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee, «Hosaa'inaa Ilma Daawitiitiif! Maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! Hosaa'inaa olii ol-gubba'aatitti!» jette.
MAT 21:10 Yesuus yennaa Yerusaalem seene, qachaan duudiin raafamee, «Inni kun eennu?» jedhane.
MAT 21:11 Gumiin isa woliin ideentu, «Kun Yesuusii raagicha qachaa Naaziretii ka lafa Galiila'aa keessatti dhaggamuu dhufe» jette.
MAT 21:12 Achiin Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra Galma Waaqaa keessatti bitatuu fi gurguratu mara gad yaase; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garagaggalchee,
MAT 21:13 «‹Manni kiyya mana daadimataa jedhamee hin waamama› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane» isaaniin jedhe.
MAT 21:14 Naafii fi ballaan Galma Waaqaa keessatti gara Yesuusii dhufane; innille isaan fayyise.
MAT 21:15 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, «Hosaa'inaa Ilma Daawitiitiif» jedhaa iyyitu yennaa dhaggane aarane.
MAT 21:16 Tanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?» jedhane. Yesuus, «Ee hin dhage'a; isin ijjumaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbinnee?» isaaniin jedhe.
MAT 21:17 Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee, qachaa keessaa bayee, ollaa Bitaaniyaa jedhamuu dhaqee achi bule.
MAT 21:18 Yesuus barii ganama, yennaa gara qacha'aa deebi'u beelote.
MAT 21:19 Muka harru'uu tokko karaa cina'atti dhaggee, yennaa itti gore baala malee womaa irratti hin dhaggine. Achiin duuba inni harru'uun, «Ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin dhaggamin» jedheen. Yoosuma muki harru'uu sun goge.
MAT 21:20 Barattooti yennaa muka harru'uu san dhaggane, baaseffatanee, «Yoosuma muki harru'uu attam goge?» jedhane.
MAT 21:21 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru'uu irratti te'e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle'een, ‹Asii ka'ii abbaaya'atti darbami› yoo jettanneeyyuu, hin teeti.
MAT 21:22 Dhugeeffanna'aan daadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan» isaaniin jedhe.
MAT 21:23 Yesuus yennaa Galma Waaqaa seenee adoo barsiisiisatti jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa gara isaa dhufanee, «Ati baallii maaniitiin waan kana goota? Baallii tana eentu sii kenne?» jedhaneen.
MAT 21:24 Yesuus deebisee, «Anille gaaffii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebittane, achiin duuba anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hima.
MAT 21:25 Cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa dhutte moo, yookiin nama irraa dhutte?» isaaniin jedhe. Isaanille wol mormanee, « ‹Waaqa irraa dhutte› yoo jenne, inni, ‹Isin maaf isa hin dhugeeffatinaa ree?› nuun jedha;
MAT 21:26 Ammoo yoo nuuti, ‹Nama irraa› jenne, martinuu akka raaga'aatitti waan Yohaannis fudhatanuuf, kolbaa sodaanna» jedhane.
MAT 21:27 Maarre isaan deebisanee, «Nuuti hin beennu» Yesuusiin jedhane. Yesuusille, «Baallii maaniitiin waan kana akka godhu anille isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
MAT 21:28 Yesuus isaaniin, «Maan isinitti fakkaata? Nami tokko ijoollee lama qabaayyu; inni gara angafichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya, adha addee woyni'ii dhaqii huji› jedheen.
MAT 21:29 Inni deebisee, ‹Ani hin dhaqu› jedhe; eegas ammoo yaada jijjiiratee dhaqe.
MAT 21:30 Abbaan gara ilma lammeesso'oolle dhaqee akkasuma jedhe; ilmi, ‹Hin dhaqa, abbayyoo!› jedhe; ammoo hin dhandhe.
MAT 21:31 Isaan lamaan kana keessaa kamitti waan abbaan barbaade tolche?» jedheen. Isaan, «Angaficha» jedhane. Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti mootummaa Waaqaatitti galiisa isin dursan.
MAT 21:32 Yohaannisiin cuuphaan karaa balchumma'aa isinitti dhufee jennaan isin isa hin dhugeeffanne; worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti ammoo isa dhugeeffatane; isin eeguma kana dhaggitanelle, yaada keessan jijjiirattanee isa hin dhugeeffanne» isaaniin jedhe.
MAT 21:33 Yesuus ammalle, «Mammaassa dhibii dhage'a'a! Namichi tokko muka woyni'ii dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba inni qonnaan bultootaaf kireessee, gara biyya dhibi'ii deeme.
MAT 21:34 Yennaan midhaan woyni'ii guuranu geennaan, inni qooda midhaan ifii fudhatiisaaf tajaajiltoota ifii gara qonnaan bultoota sanii erge.
MAT 21:35 Qonnaan bultooti sun ammoo tajaajiltoota isaa qabanee, tokko dhaananee, kaan ijjeesanee, kaanille dhaka'aan tumane.
MAT 21:36 Inni ammalle tajaajiltoota worra qaraa laakkossaan caalanu ka dhibii itti erge; isaan akkuma worra duraa kaan isaan godhane.
MAT 21:37 Dhuma irratti inni, ‹Isaan ilma kiyya hin ulfeessan› jedhaa ilma ifii gara isaanii erge.
MAT 21:38 Qonnaan bultooti ammoo yennaa ilma san dhaggane, ‹Ka dhaalu kana; kowa'a, isa ijjeennee dhaala isaa fudhannaa› woliin jedhane.
MAT 21:39 Maarre isaan isa qabanee, addee woyni'iitii alatti darbanee baasanee ijjeesane.
MAT 21:40 Amma abbaan addee woyni'ii yennaa dhufe, qonnaan bultoota san maan godhinna laati?» isaaniin jedhe.
MAT 21:41 Isaan deebisanee, «Inni worra hamaaleyyii san du'a farraamettii hin ijjeesa. Addee woyni'iille qonnaan bultoota worra yennaa midhaan woyni'ii guuramu qooda isaaf kennuuf kireessa» jedhane.
MAT 21:42 Yesuus, «Isin Barreeffama Woyyicha keessatti, «‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e; tana Gootta'atti godhe, ila teennalle'etti waan baasaa ti!› ka jedhu ijjumaa hin dubbinnee?
MAT 21:43 «Tanaaf, ani isinitti hima, mootummaan Waaqaa isin irraa fuudhantee kolbaa midhaan buuttuuf hin kennanti. [
MAT 21:44 Nami dhakaa kana irratti jigu hin caccaba; Nami dhakaan kun irratti jigu ammoo hin bututa» isaaniin jedhe.]
MAT 21:45 Sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayoti yennaa mammaassa isaa dhage'ane, akka inni marroo isaanii dubbatiisatti jiru beekane.
MAT 21:46 Isaan isa qabiisaaf barbaadane, ammoo waan gumiin akka raaga'aatitti Yesuus fudhatteef, isaan sodaatane.
MAT 22:1 Yesuus ammalle mammaassaan isaanitti dubbatee,
MAT 22:2 «Mootummaan Waaqaa mooticha tokko ka ilma ifiitiif jila fuudhaa fi heerumaa jilise fakkaatti.
MAT 22:3 Worri gara jila fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himiisaaf, Mootichi tajaajiltoota ifii erge; isaan ammoo hin dhunne.
MAT 22:4 Inni ammalle tajaajiltoota dhibii ergee, ‹Worra waamameeruun: Kunoo, jila tiyya ta fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, sangootaa fi dardarooti cocooma qalamaneeran, wonni martille qophootteerti; gara jila fuudhaa fi heerumaa kowa'a jedha'aatii itti hima'a› jedhe.
MAT 22:5 Worri waamame ammoo tuffatee, tokko gara fichaa ifii, kuun gara daldala ifii deeme;
MAT 22:6 worri kuun tajaajiltoota isaa qabee, akka malee tolchee, ijjeese.
MAT 22:7 Mootichi guddoo aaree, loltoota ifii ergee, worra tajaajiltoota isaa ijjeese san balleessee, qachaa isaaniille gube.
MAT 22:8 Achiin duuba inni tajaajiltoota ifiitiin, ‹Jilti fuudhaa fi heerumaa qophootteerti, worri waamame ammoo ka jila tanaaf male hin teene.
MAT 22:9 Tanaaf gara woldeennaa karaa gugurda'aa dhaqa'aatii, namuma dhaggitane mara gara jila fuudhaa fi heeruma tanaa waama'a!› jedhe.
MAT 22:10 Tajaajiltooti sun gara karaa gugurda'aa bayanee nama dhaggane mara bada'aa fi dansaalle guurane; maarre manni jila fuudhaa fi heerumaa sun keessummootaan guutame.
MAT 22:11 «Mootichi keessumoota ilaaliisaaf yennaa ol seene ammoo, nama woyaa jila fuudhaa fi heerumaa hin uffatin tokko dhagge.
MAT 22:12 Namichaan, ‹Jaali, woyaa jila fuudhaa fi heerumaa malee attamiin mana seente?› jedheen. Namichi waan dubbatu dhabe.
MAT 22:13 Achiin duuba mootichi worra achi keessa ergamuun, ‹Harkaa fi miila isaa hidha'aatii, dukkana alaatitti gata'a. Achitti ilkaan qariisaa fi bowiis hin te'a› jedhe.
MAT 22:14 Worri waamame heddu'u, worri filame ammoo diqqa'a» jedhe.
MAT 22:15 Achiin duuba worri Fariisaayotaa dhaqanee waanuma inni dubbateen Yesuus xaqaru'uuf mari'atane.
MAT 22:16 Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, «Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu.
MAT 22:17 Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!» jedhaneen.
MAT 22:18 Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin kijiboole'e! Maaf haga na ilaaltan?
MAT 22:19 Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa'a?» jedhe. Isaanille beesee san takka itti fidane.
MAT 22:20 Achiin duuba inni, «Fakki'ii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate.
MAT 22:21 Isaan deebisanee, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaneen. Achiin duuba inni, «Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a» isaaniin jedhe.
MAT 22:22 Isaan yennaa waan kana dhage'ane baaseffatanee, isa lakkisanee deemane.
MAT 22:23 Gaafasuma Saduqooti, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee,
MAT 22:24 «Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti› jedheera.
MAT 22:25 Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraayyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du'e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale.
MAT 22:26 Ka lammeesso'oolle, ka sadeesso'oolle, haga torbeesso'ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane.
MAT 22:27 Mara isaaniitiin duuba, isiille duute.
MAT 22:28 Gaafa worri du'ane ka'anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane.
MAT 22:29 Yesuus deebisee, «Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan.
MAT 22:30 Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan ol-gubba'atti akka ergantoota Waaqaa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu.
MAT 22:31 Marroo worra du'aa ka'iisa worra du'ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee?
MAT 22:32 Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii ti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraata'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti» isaaniin jedhe.
MAT 22:33 Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte.
MAT 22:34 Yesuus worra Saduqootaa akka cadhisiise yennaa dhage'ane, worri Fariisaayotaa wolitti dacha'ane.
MAT 22:35 Isaan keessaalle'ee, barsiisaan Seeraa tokko, Yesuus haga ilaaliisaaf,
MAT 22:36 «Barsiisa'a, Seera keessaa ajaji guddichi kam?» jedhee isa gaafate.
MAT 22:37 Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaaladhu›.
MAT 22:38 Ajaji guddichi duraa isaa kana.
MAT 22:39 Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu›.
MAT 22:40 Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse'eetii fi barsiisi raagotaa marti hundeeffamaneeran» jedhe.
MAT 22:41 Fariisaayoti wolitti dacha'aneeranuun, Yesuus,
MAT 22:42 «Marroo Masiihii maan isinitti fakkaata? Inni ilma eennuu ti?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Ilma Daawitii ti» jedhaneen.
MAT 22:43 Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyichaatiin sooreffamee ‹Goottaa› jedhaa isa waamaa,
MAT 22:44 «‹Waaqi Goottaa kiyyaan, haga ani diinota keeti miila keeti jala si'iif galchutti, Midda kiyyatti tee'i› jedheen ree?
MAT 22:45 Daawiti yoo, ‹Goottaa› jedhee isa waame, Masiihiin attamiin ilma isaa te'uu dande'a?» isaaniin jedhe.
MAT 22:46 Nami tokkolle deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. Guyyaa sanii jalqabee nami tokkolle gaaffii tokkolle isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
MAT 23:1 Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota ifiititti dubbatee,
MAT 23:2 «Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti barcumaa Muuse'ee irra te'aneeran.
MAT 23:3 Maarre waan isaan isin barsiisanu godha'a, hordofa'alle'e; te'uu male, isaan waan barsiisanu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujanu hin hujina'a.
MAT 23:4 Isaan ba'aa ulfaattuu, ba'atiisaaf hin dande'ane hidhanee gurmuu worra dhibi'ii irra keyan; ifiif ammoo quballe'een tuquu hin fedhanu.
MAT 23:5 Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Woyyicha keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan.
MAT 23:6 Lafa jilaatitti addee ulfinnaa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa,
MAT 23:7 addee dikko'oolle'etti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanuu fi kolbaan ‹Barsiisa'a› jettee akka isaan waantu jaalatan.
MAT 23:8 Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‹Barsiisa'a› jedhantanee hin waamamina'a.
MAT 23:9 Isin Abbaa tokkocha ol-gubba'atti waan qaddanuuf, biyya lafaa irratti eennulle'een ‹Abbaa› jettanee hin waamina'a.
MAT 23:10 Sooressi keessan Kiristoos tokkocha waan te'eef, ‹Sooressa› jedhantanee hin waamamina'a.
MAT 23:11 Odduu teessanitti isin mara ka caalu tajaajilaa keessan te'uu ti.
MAT 23:12 Nami ol ifi qabu gad hin qabama, nami gad ifi qabu ol hin qabama» jedhe.
MAT 23:13 Yesuus, «Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin balbala mootummaa ol-gubba'aa kolbaa duratti cuttanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin galtanu, worra galiisaaf barbaadulle, hin dhooggitan. [
MAT 23:14 Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin mana haadhotii hiyyeessaa sossiisaaf jettanee itti aalatiisaaf dheeressitanee daadimattan; tanaaf yakkaa guddo'otti isinitti murama.]
MAT 23:15 «Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Nama tokko dhugeeffannaa Yihudootaa fudhachiisiisaaf abbaaya'aa fi lafa irra asii fi achi deddeentan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma qile'ee isa gootan.
MAT 23:16 «Sooreyyii balloota, isiniif aanne'e! Isin, ‹Nami tokko yoo Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu, nami tokko yoo worqii Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa geetti› jettan.
MAT 23:17 Isin gowwoota balla'a! Worqi'i moo Galma Waaqaa ka worqii woyyoonsutti caala?
MAT 23:18 Isin, ‹Nami yoo addee ciinca'aatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; ammoo yoo nami kennansa addee ciinca'aa irra jiruun kakate, kakuun sun isa geetti› jettan.
MAT 23:19 Isin ballaa attamiiti! Kennansa moo addee ciinca'aa ta kennansa woyyoonsitutti caala?
MAT 23:20 Maarre nami addee ciinca'aatiin kakatu marti, addee ciinca'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata;
MAT 23:21 nami Galma Waaqaatiin kakatulle, Galma Waaqaatii fi Waaqa achi keessa jiruun kakata;
MAT 23:22 nami ol-gubba'aan kakatulle, barcumaa Waaqaatii fi ka barcumaa san irra tee'eeruun kakata.
MAT 23:23 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isinii aanne'e! Isin baala uddowaa adda addaa, waan akka bassobila'aa, dinbilaalaatii fi onkooshe'e, kudhan keessaa tokko Waaqaaf hin kennitan, ammoo barsiisa Seeraa ka irra caalaa barbaachisu, waan akka muraa dhuga'aa, mararti'ii fi addatamaa lakkittaneertan. Isin waan saniille adoo hin lakkisin, wonni kun waan isin godhu'uuf maltane.
MAT 23:24 Isin sooreyyii balloota! Isin bookee waan untanu keessaa dhimbiiddanee baachan, gaala ammoo hin liqinsitan.
MAT 23:25 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Muduunu'uu fi qorii dudda gubbaa qulqulleessitan, keessi ammoo joljolumma'aa fi ifi-jaallatiisaan guutameera.
MAT 23:26 Fariisaayicha balla'a! Dursiitii muduunuu keessa qulqulleessi, yennaa san duddi gubbaalle qulqulluu te'a.
MAT 23:27 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin gubba'aan dansa'a, keessaan ammoo akka irreensa biyyee adi'iin hallamee, lafeelee nama du'eetii fi waan battii maraan guutamee ti.
MAT 23:28 Akkasuma isinille gubba'aan worra dhibi'itti balchoota fakkaattan, ammoo keessi keessan kijibaa fi cubbu'uun guutameera.
MAT 23:29 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin irreensa raagotaa ijaartan; soodduu balchootaalle hin seettan.
MAT 23:30 Isin, ‹Bara abbootii teennaa adoo jiraannee, nuuti dhiiga raagotaa jissiisa isaaniille hin qarqaarruuyyu› jettan.
MAT 23:31 Akkasiin isin ilmaan worra raagota ijjeesee akka teetane ifi irratti dhugaa baatan.
MAT 23:32 Waan abbootiin teessan jalqadde, ittuma guuta'aa fixaa ree!
MAT 23:33 Isin dhudhuufa'a, isin ijoollee buuti'ii ti! Muraa qile'ee jalaa attamiin baatan ree?
MAT 23:34 Tanaaf ani raagota, qaroole'ee fi barsiisota isinii erga; isin isaan keessaa garii hin ijjeettan, kaan hin fannittan, worra dhibii mana Yihudooti itti wolitti qabamanu keessatti dhaantanee qachaa irraa gara qacha'aa ariitan.
MAT 23:35 Maarre tanaaf isin dhiiga balchootaa ka lafa irratti jissitane, dhiiga Abeelii balchichaa irraa jalqabee, haga dhiiga Zakaariyaasii ilma Baaraakiya'aa, ka addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaa oddu'utti ijjeettaneetitti itti gaafatantan.
MAT 23:36 Ani dhugumaan isinitti hima, adabam waan kana maraa dhaloota kanatti hin dhufa» isaaniin jedhe.
MAT 23:37 Yesuus ammalle, «E! Yerusaalem, Yerusaalem, qachaa raagota ijjeettuu fi worra gara keeti ergame dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade; isin ammoo diddane.
MAT 23:38 Kunoo, manni keessan ona te'ee hafe.
MAT 23:39 Ani isinitti hima, ‹Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanutti deebitanee na hin dhaggitanu» jedhe.
MAT 24:1 Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattooti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane.
MAT 24:2 Achiin duuba inni, «Isin waan kana mara hin dhaggitanii motii? Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; isaan maraa hin diigaman» jedhe.
MAT 24:3 Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee'iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, «Nutti himi, kun yoom te'a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?» jedhane.
MAT 24:4 Yesuus deebisee, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a!
MAT 24:5 Worri hedduun, ‹Ani Masiihii› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Worra hedduulle hin dokonkorsan.
MAT 24:6 Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha'a; wonni akkasii kun te'uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne.
MAT 24:7 Gosi gosatti, mootummaalle mootumma'atti hin kaati; beellii fi tacho'i lafaa addee adde'etti hin te'an.
MAT 24:8 Kun marti ammoo ciniinsuu jalqabaa ti.
MAT 24:9 «Achiin duuba isaan akka rakkattanuu fi ijjeefantanu dabarsanee isin hin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif gosa maraan hin jibbatantan.
MAT 24:10 Yennaa san namooti hedduun dhugeeffannaa irraa hin jigan, isaan wol dabarsanee hin kennan, wolille hin jibban.
MAT 24:11 Raagoti dharaa hedduulle hin ka'an, worra hedduulle hin dokonkorsan.
MAT 24:12 Waan hammeenni fakkanuuf, jaalalli nama heddu'uu qabbanowaa deema.
MAT 24:13 Nami haga muumme'ee ciniinnatee ossatu ammoo hin fayya.
MAT 24:14 Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti» jedhe.
MAT 24:15 Yesuus itti dabalee, «Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‹Farra badi'ii› addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti!
MAT 24:16 Yennaa san worri biyyaa Yihuda'aa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti.
MAT 24:17 Nami heellichoo manaa gubbaa jiru waan mana keessaa fudhatiisaaf gad hin bu'in.
MAT 24:18 Nami fichaa keessa jiru woyaa fudhatiisaaf gara manaa hin deebi'in.
MAT 24:19 Guyyoota san dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e!
MAT 24:20 Baqi keessan ganna yookiin guyyaa Sanbataa akka hin teene daadimadha'a!
MAT 24:21 Yennaa san rakkinni guddaan hin te'a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te'ee hin beeku, ijjumaa deebi'eelle hin te'u.
MAT 24:22 Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan.
MAT 24:23 «Eennuulle isiniin ‹Kunoo! Masiihiin as jira!› yookiin, ‹Inni achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a.
MAT 24:24 Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an; isaan yoo dande'ane, kolbaa Waaqi filateeyyuu, dokonkorsiisaaf baasaa fi bilbaasa hin hujan.
MAT 24:25 Kunoo ani duraan dursee tana isinitti himeera.
MAT 24:26 Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa goomole'ee keessa jira› yoo isiniin jedhane gad hin bayina'a; yookiin, ‹Kunoo! Inni kolloo keessa jira› yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina'a.
MAT 24:27 Akkuma balaqqeettiin gara baya-adu'uutitti balaqqittee haga gara seensa-adu'uutitti issitu, dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a.
MAT 24:28 Addee reeffi jirutti allaattiin yaati» jedhe.
MAT 24:29 Yesuus itti dabalee, «Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba'aalle hin raafanti.
MAT 24:30 Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba'atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba'aatiin hunnaa fi ulfinna gudda'aan dhufuun hin dhaggan.
MAT 24:31 Inni ergantoota ifii qoonqoo tultullaa gudda'aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba'aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban» jedhe.
MAT 24:32 Yesuus ammalle, «Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a! Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhikaate beettan.
MAT 24:33 Maarre akkasuma, waan kana mara yennaa dhaggitane akka Ilmi Namaa balbalatti dhikaate beeka'a.
MAT 24:34 Ani dhugumaan isinitti hima, wonni kun marti haga teetutti dhalooti kun hin dabaru.
MAT 24:35 Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe.
MAT 24:36 Yesuus itti dabalee, «Marroo guyyaa saniitii fi saatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aalle, Ilmille, eennulle hin beeku.
MAT 24:37 Akkuma bara Nohiititti te'e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te'a.
MAT 24:38 Bara san bisaan badi'iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane;
MAT 24:39 haga bisaan badi'ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a.
MAT 24:40 Yennaa san nami lamaan fichaa keessa hin hujata; tokkochi hin fudhatama, tokkochi hin hafa.
MAT 24:41 Dubartooti lamaan woliin daakuu daakan; takkattiin hin fudhatanti, takkattiin hin hatti.
MAT 24:42 Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa'aa eegadha'a.
MAT 24:43 Waan kana ammoo hubadha'a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu.
MAT 24:44 Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa'aa le'a'a» jedhe.
MAT 24:45 Yesuus itti dabalee, «Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan kennuuf, maatii ifii irratti itti gaafatamaa godhu kam ree?
MAT 24:46 Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'u hujiisumatti jiruun dhaggu sun ka badhaadhe.
MAT 24:47 Ani dhugumaan isinitti hima, goottaan isaa qabeenna ifii mara irratti itti gaafatamaa isa godha.
MAT 24:48 Tajaajilaan hamaan sun ammoo yaada ifii keessatti, ‹Goottaan kiyya hin tura› yoo jedhee,
MAT 24:49 tajaajiltoota dhibii dhaaniisa, worra machowanu woliin nyaatiisaa fi uniisa yoo jalqabe,
MAT 24:50 goottaan tajaajilaa sanii guyyaa inni isa itti hin yaadanee fi yennaa inni hin beennetti hin dhufa.
MAT 24:51 Inni tajaajilaa san hin ciccira qooda isaalle worra kijiboolee woliin godha, achitti bowaa ilkaan qara» jedhe.
MAT 25:1 Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubba'aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti.
MAT 25:2 Durroota san keessaa shanan gowwoole'e, shanan qaroole'e.
MAT 25:3 Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa'atti naqatanu hin qabanne.
MAT 25:4 Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote'etti qabatane.
MAT 25:5 Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.
MAT 25:6 «Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo'oon, ‹Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya'a!› waamichi jedhu dhage'ame.
MAT 25:7 Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimmidhaaffatte.
MAT 25:8 Durri gowwooleen sun worra qaroole'een, ‹Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna'a› jedhaneen.
MAT 25:9 Durri qarooleen deebisanee, ‹Waawwo'o! Nu'uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadha'a› jedhaneen.
MAT 25:10 Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophootteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.
MAT 25:11 «Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‹Gootta'a, Gootta'a! Nuu bani!› jedhaneen.
MAT 25:12 Inni ammoo deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku› jedheen.
MAT 25:13 Tanaaf, guyyaa san yookiin saatii waan hin beenneef dammaqa'aa eegadha'a!» jedhe.
MAT 25:14 Yesuus itti dabalee, «Mootummaan ol-gubba'aa akka nama biyya fago'oo dhaqiisaaf ka'ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti;
MAT 25:15 Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille'eef kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme.
MAT 25:16 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi'ii kuma shan keessaa buufate.
MAT 25:17 Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa baafate.
MAT 25:18 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta'aa san awwaale.
MAT 25:19 «Yennaa dheertu'uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate.
MAT 25:20 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, ‹Gootta'a, ati beesee saantimii worqi'ii kuma shan natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseera› jedhe.
MAT 25:21 Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen.
MAT 25:22 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a› jedhee, ‹Ati beesee saantimii worqi'ii kuma lama natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseera› jedheen.
MAT 25:23 Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen.
MAT 25:24 Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka;
MAT 25:25 tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo ti› jedheen.
MAT 25:26 «Goottaan isaa ammoo, ‹Ati tajaajilaa hama'aa fi booseya! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii?
MAT 25:27 Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira naaf kewu'uu malte; ani yennaa deebi'e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu.
MAT 25:28 Maarre beesee san isa irraa fuudha'aatii, namicha beesee saantimii worqi'ii kuma kudhan qabuuf kenna'a.
MAT 25:29 Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille'e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu irraa hin fudhatanti.
MAT 25:30 Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata'a, achitti bowaa ilkaan qara› jedhe» isaaniin jedhe.
MAT 25:31 Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee'a.
MAT 25:32 Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re'ee irraa gargar fowu, innille kolbaa san gargar fowee,
MAT 25:33 hoolota midda ifiititti, re'oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa.
MAT 25:34 Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‹Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, kowa'a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala'a;
MAT 25:35 sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te'ee na fudhattaneertan;
MAT 25:36 daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe.
MAT 25:37 Yennaa san balchooleen, ‹Gootta'a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?
MAT 25:38 « ‹Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne?
MAT 25:39 Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen.
MAT 25:40 Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.
MAT 25:41 «Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadha'a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema'a;
MAT 25:42 ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne;
MAT 25:43 keessummaa te'eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne› hin jedha.
MAT 25:44 «Achiin duuba isaanille deebisanee, ‹Gootta'a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?› hin jedhaniin.
MAT 25:45 Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle'eef hin goone› isaaniin hin jedha.
MAT 25:46 Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman» jedhe.
MAT 26:1 Yesuus dubbii tana mara dubbatee fixeen duuba, barattoota ifiitiin,
MAT 26:2 «Guyyaa lamaan duuba Jilti Irra Dabaramaa akka dhuttu isin hin beettan, Ilmi Namaalle fannifamiisaaf dabarfamee hin kennama» jedhe.
MAT 26:3 Achiin duuba sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoti kolba'aa mana hayyicha gudda'aa ka Qayyaaffaa jedhamuutitti wolitti qabamanee,
MAT 26:4 dhossa'aan Yesuus qabiisaa fi ijjeesisiisaaf mari'atane.
MAT 26:5 Isaan ammoo, «Kolbaa oddu'utti raafam hin ka'a fa'aa, yennaa jilaa hin tolchinu» jedhane.
MAT 26:6 Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dur dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeruu adoo jiruu,
MAT 26:7 dubartiin takka fiqiree gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii jedhamu irraa hojjatame tokkoon fiddee gara isaa dhuttee, isaa qorii bira tee'eeru, fiqiree san mataa isaatitti naxxe.
MAT 26:8 Barattooti isaa yennaa dhaggane ammoo, aaranee, «Tun maaf lafatti baddi?
MAT 26:9 Fiqireen tun karra guddo'otti gurgurantee, beeseen sun worra hiyyeeyyi'iif silaa hin kennamaayyu» jedhane.
MAT 26:10 Yesuus ammoo waan kana beekee, «Dubartii tana maaf rakkittan? Isiin waan dansaa naaf goote.
MAT 26:11 Hiyyeeyyiin yennaa mara isin woliin jiran, ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu.
MAT 26:12 Isiin fiqiree tana nafa kiyyatti naqiisaan awwaalaaf na qopheessite.
MAT 26:13 Ani dhugumaan isinitti hima, biyya lafaa duudii keessatti, addee wongeelli kun itti lallabame maratti, wonni isiin goote qaabbii isi'iitiif hin dubbatama» isaaniin jedhe.
MAT 26:14 Yennaa san Yihudaan nami biyya keriyootii, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, gara sooreyyii hayyootaa dhaqee,
MAT 26:15 «Ani yoo isa dabarsee isinitti kenne, isin maan naaf kennitan?» isaaniin jedhe; isaan meetii soddoma isaaf kaffalane.
MAT 26:16 Yihudaalle yennaa sanii jalqabee isa dabarsee kenniisaaf daguu barbaadate.
MAT 26:17 Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo hin qanneetitti, barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaattuuf eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee isa gaafatane.
MAT 26:18 Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‹Yennaan tiyya dhikaatteerti; ani Jila Irra Dabaramaa barattoota tiyya woliin mana keetitti jilifadha, jedha barsiisaan› jedha'aan» isaaniin jedhe.
MAT 26:19 Barattooti akkuma Yesuus isaan ajaje, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
MAT 26:20 Yennaa galgalootte, Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin nyaatiisaaf tee'e.
MAT 26:21 Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, isin keessaa nami tokko dabarsee na hin keenna» jedhe.
MAT 26:22 Barattooti akka malee gaddanee, badoo bado'oon, «Gootta'a, dhugumaan ana te'innaa?» isaan jedhiisa jalqabane.
MAT 26:23 Yesuus deebisee, «Ka na woliin harka qorii keyetti dabarsee na kenna.
MAT 26:24 Ilmi Namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a, ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Nami sun silaa adoo dhalatuu dhabee isaaf woyya» jedhe.
MAT 26:25 Yihudaan, ka isa dabarsee kennaaru, «Barsiisa'a, dhugumaan ana te'innaa?» jedhe. Yesuus deebisee, «Atuu jette» jedheen.
MAT 26:26 Isaan adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, Waaqaaf galata galchee, barattootaaf kennee, «Fudhadha'aa, nyaadha'a; kun foon kiyya» jedhe.
MAT 26:27 Inni muduunuulle fuudhee, Waaqaaf galata galcheen duuba, isaaniif kennee, «Isin martinuu, itti una'a;
MAT 26:28 kun dhiiga kiyya, ka Gondooroo haareyaa, ka araara cubbuu kolbaa heddu'uutiif dhangala'e.
MAT 26:29 Ani isinitti hima, mootummaa Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin haga guyyaa daadhii woyni'ii haareya unutti, ijjumaa deebi'ee daadhii woyni'ii hin unu» isaaniin jedhe.
MAT 26:30 Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane.
MAT 26:31 Achiin duuba Yesuus, «Isin martinuu edana na lakkittanee hin baqattan; sababille, «‹Ani tissee hin ijjeesa, hoolotille hin xexeeraman› jedhantee barreeffanteerti.
MAT 26:32 Du'aa ka'een duuba ammoo, isiniin dura gara Galiila'aa deema» isaaniin jedhe.
MAT 26:33 Pheexroos, isaan, «Isaan martinuu si lakkisanee baqatanulle, ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu» jedheen.
MAT 26:34 Yesuus, isaan, «Ani dhugumaan sitti hima, edanuma, iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedheen.
MAT 26:35 Pheexroos, isaan, «Si woliin du'uun yoo na barbaachiselle, ani ijjumaa si hin mormadhu» jedheen. Barattooti martinuu akkasuma jedhane.
MAT 26:36 Achiin duuba Yesuus barattoota ifii woliin gara addee Getesemaanee jedhantuu dhaqe; inni barattoota ifiitiin, «Haga ani achi dhaqee daadimadhu, isin as tee'a'a!» jedheen.
MAT 26:37 Inni Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaan fudhatee dhaqee, gaddaa fi laaleffata jalqabe.
MAT 26:38 Achiin duuba inni, isaaniin, «Ani qixxee du'aatitti, guddoo gadde; isin as tura'aa, na woliin dammaqa'aa tee'a'a!» jedheen.
MAT 26:39 Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, «Abbaa kiyya, yoo dande'ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te'uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhe.
MAT 26:40 Achiin duuba inni gara barattoota sadii deebi'ee dhufee, rafiisatti jiranuun dhagge; inni Pheexroosiin, «Maarre, isin saatii tokkolle na woliin dammaxxanee turuu hin dandeennee?
MAT 26:41 Akka ataabe'etti hin gallelle daadimadha'a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba'a» jedheen.
MAT 26:42 Yesuus ammalle yennaa lammeesso'oo isaan irraa hiiqee, «Abbaa kiyya, muduunuun rakko'oo tun adoo hin unin narra dabariisa ka hin dande'anne yoo teete, fedhiin teeti muummottuu ti» jedhee daadimate.
MAT 26:43 Yesuus ammalle dhufee ilti isaanii waan dunquuqotteef, rafiisatti jiranuun dhagge.
MAT 26:44 Maarre ammalle isaan lakkisee, irraa hiiqee yennaa sadeesso'oo, jechootuma duraan jedhe kaan jedhaa daadimate.
MAT 26:45 Achiin duuba inni gara barattootaa deebi'ee dhufee, «Isin haga ammaa rafaa, foorfatiisatti jirtanii? Kunoo, saatiin Ilmi Namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamu geetteerti.
MAT 26:46 Ka'aa deennaa! Kunoo, ka dabarsee na kennu dhikaateera» isaaniin jedhe.
MAT 26:47 Adoo Yesuus dubbatiisatti jiruu, barattoota kudhanii lama keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufe; gumiin guddoon ulee-jirmaa fi shallaagaa qabatteertu, sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aa biraa ta erganteertu isa woliin jirtiiyyu.
MAT 26:48 Yihudaan Yesuus dabarsee kennu, «Nama ani sunqadhu, isa qaba'a» jedhee duraanuu beessisa isaaniif kenneera.
MAT 26:49 Yihudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisa'a, attam nageyaa!» jedhee sunqate.
MAT 26:50 Yesuus deebisee, «Jaali, waan hujiisaaf dhutte huji» jedheen. Achiin duuba isaan dhufanee Yesuus jabeessanee qabane.
MAT 26:51 Dedhuma, worra Yesuus woliin jiru keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa irraa kute.
MAT 26:52 Achiin duuba Yesuus, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebifadhu; worri shallaagaa buqqifatu martinuu shallaaga'aan bada.
MAT 26:53 Ani Abbaa kiyya yoo gaafadhe, Inni yoosuma ergantoota duula kudhanii lama caalu naa erguu hin dande'u sitti fakkaataa?
MAT 26:54 Ammoo Barreeffam Woyyichi karaa kanaan te'uu qaddi ka jedhu, silaa attamiin muummowa ree?» jedheen.
MAT 26:55 Yennuma san Yesuus gumi'iin, «Akka ani yakkaamessaa, shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? Ani guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessa tee'ee barsiisaa ture, isinille na hin qanne.
MAT 26:56 Ammoo wonni raagoti Barreeffama Woyyicha keessatti barreessite akka muummottuuf, tun marti teete» jedhe. Yennaa san barattooti isaa martinuu isa lakkisanee baqatane.
MAT 26:57 Worri Yesuus qabane sun, mana barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoti kolba'aa itti wolitti qabamaneeranutti, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa geessane.
MAT 26:58 Pheexroos ammoo irraa fagaatee haga badhinna dalleya hayyicha gudda'aa Yesuus hordofe; keessalle seenee, wonni kun attam akka teetu ilaaliisaaf, eeddota woliin tee'e.
MAT 26:59 Sooreyyiin hayyootaatii fi korri mura'aa duudiin Yesuus ijjeesisiisaaf dhugaa baatota dharaa itti barbaadane.
MAT 26:60 Dhugaa baatoti dharaa hedduun itti dhikaattulle, ammoo dhugaa baya du'a itti mursiisu tokkolle hin dhaggine; dhuma irratti namooti lamaan dhufanee,
MAT 26:61 «Namichi kun, ‹Ani Galma Waaqaa diigee guyyaa saditti ijaaruu dande'a› jedheera» jedhane.
MAT 26:62 Hayyichi guddaan ol ka'ee, «Waan isaan si irratti dhugaa bayanu kanaaf ati deebii tokkolle hin qadduu?» jedhe.
MAT 26:63 Yesuus ammoo cadhise. Achiin duuba hayyichi guddaan, «Magannee Waaqa jiraata'aa, ati Masiihii, Ilma Waaqaa yoo teete nutti himi» jedheen.
MAT 26:64 Yesuus deebisee, «Maarre atinuu jette. Ani ammoo isinitti hima, ammaa jalqabee Ilmi Namaa midda Waaqa hunnaamessaa tee'uun, duumensa ol-gubba'aatilleen dhufuun hin dhaggitan» isaan jedhe.
MAT 26:65 Yennaa san hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Inni Waaqa faanshesseera! Dhugaa dhibii maaf barbaanna? Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane.
MAT 26:66 Maan isinitti fakkaata?» jedhe. Isaan deebisanee, «Inni du'uu qaba» jedhane.
MAT 26:67 Yennaa san isaan fuula isaatitti tufanee tuntumane; worri gariin kabalanee,
MAT 26:68 «Masiihii! Eentu si dhowe? Nuu raagi» jedhaneen.
MAT 26:69 Adoo Pheexroos ala badhinna dalleyaa keessa tee'iisatti jiruu, durrittiin tajaajiltuun takka gara isaa dhuttee, «Atille Yesuusii worra Galiila'aa woliin jirtaayyu!» jetteen.
MAT 26:70 Inni ammoo, «Waan ati dubbatiisatti jirtuuyyuu ani hin beeku» jedhee isaan mara duratti mormate.
MAT 26:71 Yennaa inni gara seensuma karraa dhaqe, durrittiin tajaajiltuun dhibiin isa dhaggitee, worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun Yesuusii nama Naaziretii woliin jiraayyu» jette.
MAT 26:72 Pheexroos ammalle, «Ani namicha hin beeku» jedhee kakatee mormate.
MAT 26:73 Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbataneeranu dhufanee, Pheexroosiin, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, dhugumaan atille isaan keessaa nama tokko» jedhaneen.
MAT 26:74 Yennaa san inni, «Ani namicha hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e. Yennuma san lukkuun iyyite.
MAT 26:75 Achiin duuba Pheexroos waan Yesuus, «Iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedhe qaabatee, gad bayee laaleffatee bowe.
MAT 27:1 Barii halkaniin sooreyyii hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa marti Yesuus ijjeesisiisaaf mari'atane.
MAT 27:2 Isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoosii bulchaa biyyaatitti dabarsanee kennane.
MAT 27:3 Yihudaan isa dabarsee kenne, akka Yesuusitti murame yennaa dhagge, gaabbee meetii soddoma san sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiif deebisee fidee,
MAT 27:4 «Nama yakkaa hin qanne dabarsee kenniisaan yakkeera» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Maanti nu dhibe ree? Haajaa keeti!» jedhane.
MAT 27:5 Yihudaan beesee san Galma Waaqaa keessatti qolaansee gatee, isaan biraa deemee, dhaqee ifi fannise.
MAT 27:6 Sooreyyiin hayyootaa ammoo, beesee san fuudhanee, «Beeseen tun gatii dhiiga namaa waan teeteef, karra Galma Waaqaatitti makuun seeraa moti» jedhane.
MAT 27:7 Mari'ataneen duuba, addee awwaala worra ormaa akka teetu, namicha faara dhowu irraa lafa ittiin bitane.
MAT 27:8 Sababa kanaaf latti sun haga adhaa, «Lafa dhiigaa» jedhantee waamanti.
MAT 27:9 Wonni Ermiyaasiin raagichi, «Isaan meetii soddoma akka gatii isaa teetuuf, ijoolleen Israa'elii herreddee fudhatte;
MAT 27:10 akkuma Goottaalle na ajajetti gatii lafaa namicha faara dhowuu kennane» jedhee dubbate muummotte.
MAT 27:11 Yesuus Philaaxoosii bulcha biyyaa dura dhaabbate; Philaaxoosille, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedheen.
MAT 27:12 Inni ammoo yennaa sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiin himatame, deebii hin kennine.
MAT 27:13 Achiin duuba Philaaxoos, «Waan hedduu isaan si himatanu ati hin dhageettuu?» jedheen.
MAT 27:14 Inni ammoo jechuma tokkolle hin deebinne; tanaaf bulchaan biyyaa Philaaxoos guddoo baaseffate.
MAT 27:15 Yennaa Jila Irra Dabaramaa, bulchaan biyyaa Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba.
MAT 27:16 Yennaa san namichi hantuu hujiisaan beekkame tokko, ka Barabbaa jedhamu, hidhaa keessa jiraayyu.
MAT 27:17 Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, «Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame» isaaniin jedhe.
MAT 27:18 Philaaxoos akka isaan waan hinaattolee te'aneef dabarsanee isa kennane beekeera.
MAT 27:19 Philaaxoos barcumaa mura'aa gubbaa tee'eeruun, haati manaa isaa, «Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju'uun guddoo rakkadhe» jettee ergaa itti ergite.
MAT 27:20 Sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeefamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane.
MAT 27:21 Bulchaan biyyaa Philaaxoos ammalle, «Isaan lamaan keessaa eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaanille, «Barabbaa nuuf hiiki!» jedhane.
MAT 27:22 Philaaxoos, «Yesuus ka Masiihii jedhame maan godhu ree?» isaaniin jedhe. Isaan martinuu, «Inni fannifamuu ti!» jedhane.
MAT 27:23 Achiin duuba inni, «Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?» jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, «Inni fannifamuu ti!» jedhanee iyyanee hogisane.
MAT 27:24 Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, «Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!» jedhe.
MAT 27:25 Achiin duuba kolbaan duudiinuu, «Dhiiga isaatiif, nuutii fi ijoollee teenna itti gaafattannuu ti» jedhanee deebisane.
MAT 27:26 Maarre inni Barabbaa isaaniif hiike; liche'een Yesuus dhaansiseen duuba, akka fannifamuuf dabarsee kenne.
MAT 27:27 Achiin duuba loltooti bulchaa biyyaa Yesuus gara mana mootumma'aatitti fuudhanee geessane; loltoota duudii adaala Yesuusiititti wolitti qabane.
MAT 27:28 Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee,
MAT 27:29 dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, «Mootii Yihudootaa, jiraadhu!» jedhaa itti taphatane.
MAT 27:30 Isaan itti tufanee, uleelle irraa fuudhanee mataa isaa dhowane.
MAT 27:31 Itti taphataneen duuba, isaan woyaa san irraa baasanee woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba fannisiisaaf isa geessane.
MAT 27:32 Isaan yennaa gad bayane, namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu dhagganee, fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane.
MAT 27:33 Isaan addee Golgootaa jedhantu dhufane; «Golgootaa» jechuun «Addee buqqii mata'aa» jechu'u.
MAT 27:34 Isaan daadhii woyni'ii hadhoottu'uun makanee, akka unuuf Yesuusiif kennane. Inni afaaniin qabe malee, hin unne.
MAT 27:35 Yesuus fannisaneen duuba hixaa buufatiisaan woyaa isaa qoqoodamane.
MAT 27:36 Achiin duuba isaan achi tee'anee isa eegane.
MAT 27:37 Isaan barreeffama isa ittiin himatane, «Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus» ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane.
MAT 27:38 Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane.
MAT 27:39 Worri achiin dabaranu mataa ifii raasaa,
MAT 27:40 «Ati ka Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ijaartu, ifi fayyisi me! Ati yoo Ilma Waaqaa teete, fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa isa arrassane.
MAT 27:41 Akkasuma sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi jaarsolee woliin itti taphatanee,
MAT 27:42 «Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande'u. Inni mootii Israa'elii yoo te'e, me amma fannoo irraa gad bu'uu ti; nuutille isatti hin dhugeeffanna.
MAT 27:43 Inni Waaqatti addatee, ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuu ti» jedhane.
MAT 27:44 Akkasuma alagaltooti isa woliin fannifamanelle isa arrassane.
MAT 27:45 Orraa saatii jaan jalqabee haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte.
MAT 27:46 Gara saatii sagaliititti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte?» jechu'u.
MAT 27:47 Worra achi dhaabbatanu keessaa gariin yennaa tana dhage'ane, «Namichi kun Eliyaas waamiisatti jira» jedhane.
MAT 27:48 Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii fuudhee, daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne.
MAT 27:49 Worri dhibiin ammoo, «Eegi me! Eliyaas dhufee akka isa fayyisu hin ilaalla!» jedhane.
MAT 27:50 Achiin duuba Yesuus ammalle qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.
MAT 27:51 Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba'aa haga gadii addee lamatti tarsa'e. Latti tachoote, rassaalle dadayya'e.
MAT 27:52 Irreensotille banamanee, kolbaan Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka'ane.
MAT 27:53 Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du'aa ka'een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu'utti mudhatane.
MAT 27:54 Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho'a lafaatii fi waan te'e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane.
MAT 27:55 Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu.
MAT 27:56 Isaan keessa Maariyaamii qachaa Magdala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi Yoseefii, haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atti jira.
MAT 27:57 Yennaa galgalootte, namichi dureessi qachaa Armaatiya'aa, ka Yoseef jedhamu tokko, achi dhufe; innille barataa Yesuusiitiiyyu.
MAT 27:58 Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate; achiin duuba Philaaxoos reeffi akka kennamuuf ajaje.
MAT 27:59 Maarre Yoseef reeffa fudhatee, woyaa qoolaa qulqullu'uun maree,
MAT 27:60 goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme.
MAT 27:61 Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun goda awwaalaa fuula dura tee'iisatti jiraniiyyu.
MAT 27:62 Boruyyaa, guyyaa qophi'iitiin duuba, guyyaa Sanbataa sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayoti Philaaxoos duratti wolitti qabamanee,
MAT 27:63 «Gootta'a, sobaalessi sun adoo jiruu, ‹Guyyaa sadiin duuba deebi'ee ka'a› waan inni jedhe nuuti hin qaabanna.
MAT 27:64 Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te'uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa'a, kolba'aan, ‹Inni du'a keessaa ka'eera› hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te'a» jedhaneen.
MAT 27:65 Philaaxoos, «Worra eegu fudhadha'aa dhaqa'aatii, akka beettanutti eegachiifadha'a» isaaniin jedhe.
MAT 27:66 Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka'atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane.
MAT 28:1 Sanbati dabareen duuba, Dilbata barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane.
MAT 28:2 Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e.
MAT 28:3 Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, woyaan isaa adii akka dhakaa roobaa ti.
MAT 28:4 Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee akka nama du'ee te'ane.
MAT 28:5 Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka.
MAT 28:6 Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame kowa'aa ilaala'a.
MAT 28:7 Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‹Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan› jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera» jedhe.
MAT 28:8 Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane.
MAT 28:9 Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane.
MAT 28:10 Achiin duuba Yesuus, «Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan» isaaniin jedhe.
MAT 28:11 Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara sooreyyii hayyootaatitti himane.
MAT 28:12 Sooreyyiin hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee,
MAT 28:13 «Isin, ‹Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane› jedha'aa kolba'atti hima'a.
MAT 28:14 Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona» jedhaneen.
MAT 28:15 Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.
MAT 28:16 Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane.
MAT 28:17 Isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane.
MAT 28:18 Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti naaf kennanteerti.
MAT 28:19 Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a.
MAT 28:20 Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.
MAR 1:1 Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana.
MAR 1:2 Kitaaba Isaayaasii raagichaa keessatti, «Kunoo, Ani ergamaa kiyya ka karaa si'iif qopheessu si'iin dura erga.
MAR 1:3 Lafa goomole'ee keessatti nami tokko, ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!› jedhaa iyya» jedhantee akkuma barreeffante.
MAR 1:4 Yohaannisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhaa lallabaa dhufe.
MAR 1:5 Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane.
MAR 1:6 Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma hollaa nyaataa ture.
MAR 1:7 Inni, «Ka na caalu na duubaan dhufaara; ani gad jedhee hidhaa kophee isaalle hiiku'uuf nama te'uu moti.
MAR 1:8 Ani bisaaniin isin cuupha; inni ammoo Ayyaana Woyyichaan isin cuupha» jedhee lasse.
MAR 1:9 Eegi san adoo hin turin Yesuus, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu dhufee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphame.
MAR 1:10 Akkuma Yesuus bisaan keessaa bayeen, ol-gubbaan saaqantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'uun dhagge.
MAR 1:11 Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya ka ani jaaladhu; ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.
MAR 1:12 Yennuma san Ayyaanni Waaqaa akka Yesuus gara lafa goomole'ee dhaqu tolche.
MAR 1:13 Yesuus lafa goomole'ee keessa guyyaa afurtama Seexanaan ataabamaa ture. Achitti bineensota woliin ture; ergantooti Waaqaalle isa tajaajilane.
MAR 1:14 Yohaannisiin cuuphaan gara mana hidha'aa dabarfamee kennameen duuba, Yesuus gara Galiila'aa dhufee, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte lallabe.
MAR 1:15 Inni, «Barri muummaweera, mootummaan waaqaa dhikaatteerti, cubbuu irraa deebi'aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha'a!» jedhe.
MAR 1:16 Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo tiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge.
MAR 1:17 Inni isaaniin, «Ana faana kowa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe.
MAR 1:18 Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane.
MAR 1:19 Yesuus haga diqqoo ideemee, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, hoboloo ifii keessatti caccoota ifii mimmidhaffatanuun dhagge.
MAR 1:20 Inni akkuma dhaggeen isaan waame; isaanille abbaa ifii Zabdewoos hojjattoota woliin hoboloo keessatti lakkisanee Yesuus faana deemane.
MAR 1:21 Yesuusii fi barattooti isaa gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqane; guyyaa Sanbata itti aanuu Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee barsiise.
MAR 1:22 Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka inni itti barsiise jajane.
MAR 1:23 Yennuma san namichi ayyaana hama'aan qabameeru tokko Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee,
MAR 1:24 «Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu teeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!» jedhe iyye.
MAR 1:25 Yesuus ayyaana hama'aan «Cadhisi! Keessalle'ee bayi» jedhee xixe.
MAR 1:26 Ayyaanni hamaan sun namicha gajassiisee, qoonqoo guddo'oon iyyee keessaa baye.
MAR 1:27 Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, «Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman» jettee wol woliin dudubbatte.
MAR 1:28 Gurri isaa adoo hin turin lafa Galiila'aa duudii keessatti addee maratti dhage'ame.
MAR 1:29 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii akkuma bayeen, Yaaqoobii fi Yohaannis woliin mana Simooniitii fi Indiryaasii dhaqe.
MAR 1:30 Yennaa inni achi gewu haat-sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee irkatteerti; yoosuma dhibee isi'ii tana isatti himane.
MAR 1:31 Yesuus itti dhikaatee, harka isi'ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o'isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte.
MAR 1:32 Galgala san aduun seenteen duuba, worra dhibamanee fi worra durriisotaan qabamane maraa gara isaa fidane.
MAR 1:33 Kolbaan qachaa sanii martinuu balbala duratti wolitti qabante.
MAR 1:34 Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge.
MAR 1:35 Barii halkaniin, boruun adoo hin diimatin Yesuus ka'ee, manaa gad bayee addee nami hin jirre dhaqee, achitti daadimate.
MAR 1:36 Simoonii fi worri isa woliin turane ammoo Yesuus barbaassa bayane.
MAR 1:37 Isaan yennaa isa dhaggane, «Namooti martinuu si barbaadiisatti jiran» jedhaneen.
MAR 1:38 Yesuus ammoo, «Wonni Ani dhufeef lallabiisaaf waan te'eef, ka'aa gara olloota nu'utti aananuu dhandha, ani achille'etti lallabu'uu male» isaaniin jedhe.
MAR 1:39 Maarre, Yesuus lafa Galiila'aa maraa keessa deddeemee, manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti lallabee, durriisotalle baase.
MAR 1:40 Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, «Yoo fedha keeti te'e na fayyisuu hin dandeetta» jedhee isa gaafate.
MAR 1:41 Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» isaan jedhe.
MAR 1:42 Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye.
MAR 1:43 Achiin duuba Yesuus namichaan,
MAR 1:44 «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee, jabeessee, seeree, isa erge.
MAR 1:45 Namichi ammoo achii deemee, akkuma dhagge haasowee oduu biyyaan geye. Kanaaf Yesuus addee qoommi'iititti ture malee, qaaleyaan gara qacha'aa seenu'uuf hin dandeenne. Kolbaan ammoo addee maraa gara isaa dhutte.
MAR 2:1 Guyyaa diqqa'aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi'ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette.
MAR 2:2 Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu,
MAR 2:3 jarri takka nama afur te'anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba'atanee gara Yesuusii fidanee dhufane.
MAR 2:4 Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba'aan heellichoo manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane.
MAR 2:5 Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
MAR 2:6 Barsiisoti Seera Muuse'ee ka achi tetee'aneeranu tokko tokko,
MAR 2:7 «Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande'a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
MAR 2:8 Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba'aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan?
MAR 2:9 Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu'utti kaso'o?
MAR 2:10 Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween,
MAR 2:11 «Ani si'iin jedha, ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
MAR 2:12 Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.
MAR 2:13 Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise.
MAR 2:14 Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ka'ee isa hordofe.
MAR 2:15 Eega san Yesuus mana Lewwi'iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori'itti hiiqanee tetee'aneeraniiyyu.
MAR 2:16 Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, «Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?» jedhanee barattoota isaa gaafatane.
MAR 2:17 Yesuus waan kana dhage'ee, «Namoottaan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
MAR 2:18 Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, «Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?» jedhanee isa gaafatane.
MAR 2:19 Yesuus ammoo deebisee, «Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu.
MAR 2:20 Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyyaa san laaman.
MAR 2:21 «Woyaa dullatti'itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erbeen haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurachiittee hin tarsaatti; tarsa'iisi isi'iille ka qaraa ka caalu te'a.
MAR 2:22 Akkasuma daadhii Woyni'ii ta hin bayin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi'ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qaddi» isaaniin jedhe.
MAR 2:23 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane.
MAR 2:24 Fariisaayoti Yesuusiin «Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?» jedhane.
MAR 2:25 Yesuus deebisee, «Daawiti waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee?
MAR 2:26 Bara Abiyaataar Hayyicha Guddaa te'eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» isaaniin jedhe.
MAR 2:27 Achiin duuba Yesuus «Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne.
MAR 2:28 Maarre Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta'a» isaaniin jedhe.
MAR 3:1 Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu.
MAR 3:2 Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu.
MAR 3:3 Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe.
MAR 3:4 Achiin duuba jaralle'een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansaa moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane.
MAR 3:5 Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi'ee fayye.
MAR 3:6 Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane.
MAR 3:7 Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii,
MAR 3:8 qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ta gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte.
MAR 3:9 Gumiin guddoon sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime.
MAR 3:10 Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane.
MAR 3:11 Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhanee iyyane.
MAR 3:12 Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje.
MAR 3:13 Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane.
MAR 3:14 Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu,
MAR 3:15 durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.
MAR 3:16 Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni «Pheexroos» jedhee moggaase,
MAR 3:17 Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni «Bo'anerges» jedhee moggaase; akkas jechuulle, «Ilmaan Mandiisu'uu» jechu'u.
MAR 3:18 Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii «Hinaatticha» jedhamee beekkamee fi
MAR 3:19 Yihudaa nama qachaa keriyootii, ka isa dabarsee kenne.
MAR 3:20 Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante.
MAR 3:21 Kolbaan, «Inni maraateera» waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane.
MAR 3:22 Barsiisoti Seeraa worri Yerusaalemii dhufane ammoo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» Yesuusiin jedhane.
MAR 3:23 Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, «Attamiin Seexanni Seexana baasuu dande'a?
MAR 3:24 Mootummaan takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti.
MAR 3:25 Maatiin takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti.
MAR 3:26 Maarre Seexannille ifi falmee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaa ti malee dhaabbachu'uuf hin dande'u.
MAR 3:27 «Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa saamu'uuf hin dande'a.
MAR 3:28 «Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama.
MAR 3:29 Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu bara baraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.
MAR 3:30 Yesuus sababa kolbaan, «Inni ayyaana hamaa qaba» jetteertuuf akkana jedhe.
MAR 3:31 Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane.
MAR 3:32 Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran» jedhane.
MAR 3:33 Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe.
MAR 3:34 Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, «Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana!
MAR 3:35 Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.
MAR 4:1 Yesuus cinaa abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbatteertiiyyu.
MAR 4:2 Yesuus waan hedduu isaan barsiisiisaaf itti mammaakee:
MAR 4:3 «Caqasa'a! Namichi tokko midhaan facaasu'uuf baye.
MAR 4:4 Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca'e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte.
MAR 4:5 Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca'e; lafi inni irra harca'e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe.
MAR 4:6 Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago'oo waan hin qanneef goge.
MAR 4:7 Gariin qoree keessa harca'e; qoreelle guddattee isa huute; innille midhaan hin buune.
MAR 4:8 Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca'e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse!» jedhe.
MAR 4:9 Achiin duuba Yesuus, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uu ti» jedhe.
MAR 4:10 Yennaa Yesuus qofi jiru, worri adaala isaa jiranu fi barattooti kudhanii lamaan waan mammaassa kanaa isa gaafatane.
MAR 4:11 Yesuus deebisee, «Dhossaan mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama.
MAR 4:12 Wonni himamuufille, «‹Isaan ilaalanee ilaalaneelle, ijjumaa akka hin dhaggine; dhage'anee dhage'aneelle, ijjumaa akka hin hubanne; gara Waaqaa deebi'anee innille isaaniif akka hin araaranneefii› » isaaniin jedhe.
MAR 4:13 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Mammaassi kun isiniif hin galuu? Eegasuu attamiin mammaassa dhibii hubattan ree?
MAR 4:14 Namichi facaasu jecha Waaqaa facaasa.
MAR 4:15 Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti.
MAR 4:16 Midhaan lafa dhakiti'itti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen gammadaan fudhatanuu ti.
MAR 4:17 «Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan yennaa ka'u yoosuma jigan.
MAR 4:18 Midhaan daggala qore'ee keessatti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa caqasuu ti.
MAR 4:19 Ammoo yaaddoon waan lafa tanaa, badhaadhi durumma'aa, halchaan waan adda addaa itti seentee, jecha Waaqaa huutee midhaan adoo hin buusin hafan.
MAR 4:20 Midhaan lafa dansaa keessatti harca'e ammoo, fakkeenna worra jecha Waaqaa dhage'ane fudhatanee, gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buusanuu ti» jedhe.
MAR 4:21 Yesuus itti aansee, «Nami ifa fidee qorii jala yookiin taqee jala hin keyaa? Addee mudhatutti fannisaa motii?
MAR 4:22 Wonni dhokatteertu yoo jiraatte, gara mudhattutti hin baati; wonni dhossa'aa yoo jiraatte, gara ifaatitti hin baati.
MAR 4:23 Nami gurra dhage'u qabu dhage'uu ti» isaaniin jedhe.
MAR 4:24 Yesuus itti dabalee, «Waan dhageettanu qalbeeffadha'a! Waan namaaf ittiin safartanutti isinille'eef hin safarama; caalchifameelle isiniif hin kennama.
MAR 4:25 Nama wo qabuuf, itti dabalamee hin kennamaaf; nama womaa hin qanne ammoo, ka inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatama» isaaniin jedhe.
MAR 4:26 Yesuus itti aansee, «Mootummaan Waaqaa nama ficha'atti midhaan facaasee fakkaatti.
MAR 4:27 Namichi galee halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; midhaan sun ammoo adoo inni hin beekin mudhee guddata.
MAR 4:28 Biyyeen ifumaan akka midhaan latee guddatu gooti; dursee mudhee obba, itti aansee daraara, achiin duuba midhaan buusa.
MAR 4:29 Yennaa midhaan sun bilchaate, haammaan waan geetteef, yennuma san inni haantu'uun haama» jedhe.
MAR 4:30 Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessina? Yookiin mammaassa kamiin isii hinna?
MAR 4:31 Isiin akka midhaan Sanaafici'ii ti. Midhaan isi'ii yennaa lafatti facaafamu midhaan biyya lafaa maraa irra hin diqqaata.
MAR 4:32 Inni yennaa facaafame, latee hin guddata; waan ficha'atti facaafame maraa irra ka caalu te'a; dameelee gugurdoo hin baasa. Sinbirreen dhuttee gaaddisa damee isaa jalatti mana ijaarratti» jedhe.
MAR 4:33 Yesuus mammaassa hedduu ka kana fakkaatuun haga hubantii isaaniititti jecha isaanitti hime.
MAR 4:34 Inni mammaassaan malee isaanitti hin dubbanne; ammoo yennaa barattoota ifii woliin qofi jiru, waan maraa isaanii hiike.
MAR 4:35 Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, «Ka'aa, gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe.
MAR 4:36 Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane.
MAR 4:37 Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin bisaanii hobolo'otti dhangalaatee guutiisa geette.
MAR 4:38 Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa'a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane.
MAR 4:39 Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e.
MAR 4:40 Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe.
MAR 4:41 Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe'ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane.
MAR 5:1 Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa dhufane.
MAR 5:2 Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu'een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe.
MAR 5:3 Namichi kun irreensota odduu le'eera; eennulle wodaroo sibiilaatiille'een isa hidhuu hin dandeenne.
MAR 5:4 Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukkutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne.
MAR 5:5 Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu irreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle'een ifi duguugaa ture.
MAR 5:6 Inni fago'otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee,
MAR 5:7 iyyee lallabee, «E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!» jedhe.
MAR 5:8 Yesuus isaan, «Ati ayyaana hama'a, namicha kana keessaa bayi!» waan jedheeruuf, inni akkana jedhe.
MAR 5:9 Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafate. Innille, «Maqaan kiyya duula; nuuti baca'a» jedhee deebise.
MAR 5:10 Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate.
MAR 5:11 Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu.
MAR 5:12 Maarre ayyaanoti hamooti sun, «Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!» jedhanee Yesuus kadhatane.
MAR 5:13 Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
MAR 5:14 Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te'e kana ilaalu'uuf dhufane.
MAR 5:15 Yesuus bira yennaa geyane, namichi duula ayyaana hama'aatiin qabamee ture sun woyaa uffatee, qalbiin deebitee achi te'eeruun dhagganee sodaatane.
MAR 5:16 Worri dhaggane sun, waan namichi ayyaanni hamaan keessa ture sunii fi booyyoti maan akka te'ane kolba'atti odeessane.
MAR 5:17 Achiin duuba isaan akka Yesuus adaala biyya isaaniitii deemuuf gaafatane.
MAR 5:18 Yesuus achii deemiisaaf adoo hoboloo yaabiisatti jiruu, namichi ayyaana hama'aan qabameeru sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate.
MAR 5:19 Yesuus ammoo didee, «Gara manaa keetii deebi'ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si'iif godhe, attam akka inni si'iif arjoome worra keetiif himi!» isaan jedhe.
MAR 5:20 Maarre namichi deemee, biyya qachoota kudhan jedhantu keessatti, waan guddoo Yesuus isaaf godhe maraa odeesse. Worri dhage'ane martinuu jajane.
MAR 5:21 Yesuus deebi'ee hobolo'oon gara abbaaya'aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya'aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante.
MAR 5:22 Bulchitoota Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee,
MAR 5:23 «Intalti tiyya diqqayyittiin dhukkuffattee du'iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne'ee koyiitii harka keeti isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate.
MAR 5:24 Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane.
MAR 5:25 Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi'ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu.
MAR 5:26 Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne.
MAR 5:27 Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe.
MAR 5:28 Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte.
MAR 5:29 Yennuma san dhiigi isi'ii lola'uu lakkisee, dhibee ifii irralle'ee akka fayyite itti dhage'ame.
MAR 5:30 Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu'utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate.
MAR 5:31 Barattooti isaa, «Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» isaan jedhane.
MAR 5:32 Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale.
MAR 5:33 Dubartittiin waan isi'iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte.
MAR 5:34 Yesuus isi'iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle'ee fayyi» jedhe.
MAR 5:35 Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufanee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?» isaan jedhane.
MAR 5:36 Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa saniin, «Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!» jedhe.
MAR 5:37 Yesuus: Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisii obboleessa Yaaqoobii malee, nami tokkolle isa gula mana namichaa akka dhaquuf hin barbaanne.
MAR 5:38 Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi bowaa wiiccifatanu dhagge.
MAR 5:39 Inni mana seenee, «Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» isaaniin jedhe.
MAR 5:40 Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene.
MAR 5:41 Harka isi'ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen; akkas jechuun «Intala diqqayyoo! Ol ka'i!» jechu'u.
MAR 5:42 Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane.
MAR 5:43 Yesuus ammoo, akka isaan eennulle'etti hin hinne jabeessee seere. Achiin duuba «Waan nyaattu isi'iif kenna'a!» jedhe.
MAR 6:1 Yesuus addee san lakkisee, gara qachaa ifii itti guddatee barattoota ifii woliin dhaqe.
MAR 6:2 Guyyaa Sanbataa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti barsiisuu jalqabe. Namooti hedduun achi jiranu, yennaa isa dhage'ane jajanee, «Wonna kana mara inni attam dande'ee huja? Baasota kana huju'uuf qarumma'aa fi hunna akkasii inni eessaa dhaggate?
MAR 6:3 Inni ilma Maariyaami'ii ka muka bocuu motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoob, Yoseef, Yihuda'aa fi Simoon fa'aa motii? Qachaa keenna keessa ammaa tanalle le'anii motii?» jedhanee isa tuffatanee, isa fudhatiisa didane.
MAR 6:4 Yesuus ammoo, «Raagaan tokko, addee dhibi'itti malee, biyya ifii, firoottan ifiitii fi maatii ifii keessatti ulfinna hin qabu» isaaniin jedhe.
MAR 6:5 Yesuus worra dhibameeru diqqaa tokko irra harka ifii keyee fayyise malee, baasota dhibii achitti hujiisaaf hin dadeenne.
MAR 6:6 Dhugeeffannaa dhabuun kolba'aa isa maadeffachiitte. Yesuus olloota adaala sanii mara keessa dhaqee barsiise.
MAR 6:7 Achiin duuba inni ergantoota kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota irratti baallii isaaniif kennee, lamaan lamaaniin isaan erge.
MAR 6:8 Inni isaaniin, «Ideemiisa kara'aatiif ulee malee, galaa, subba, beesee marxo'otti, waan tokkolle hin qabatina'a.
MAR 6:9 Kophee keyadha'a; woyaa uffatane malee ta dhibii hin qabatina'a.
MAR 6:10 Yennaa keessummummaa manatti isin fudhatane, haga qachaa sanii deentanutti manuma san keessa tura'a.
MAR 6:11 Yoo qachaa kolbaan isin hin fudhanne yookiin isin hin dhageenne dhaxxane, akka beessisa isaanitti teetu yennaa achii deentanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a» jedhe.
MAR 6:12 Maarre ergantooti deemanee, kolbaan cubbuu irraa akka deebitu himiisa jalqabane.
MAR 6:13 Isaan ayyaanota hamoota hedduu baasanee, worra dhibamaa hedduulle zayitii issanee fayyisane.
MAR 6:14 Gurri Yesuusii addee maratti waan beekkameeruuf, Heroodisiin mootichi waan isaa dhage'e. Worri gariin, «Yohaannisii cuupha'atti ka'eera; hujiin baasaa tun isaan hujanti» jedhane.
MAR 6:15 Worri kuun, «Inni Eliyaas» jedhane; kuun ammoo, «Inni raagichuma akka raagota durii ti» jedhane.
MAR 6:16 Heroodis gurra Yesuusii yennaa dhage'e ammoo, «Yohaannisii ani morma isaa mursiisettuu du'aa ka'e» jedhe.
MAR 6:17 Heroodis wosoo ifii Heroodiyaas niitii Filiphoosii fuudheeraayyu. Yohaannis ammoo isaan, «Wosoo teeti fuudhuun seeraa moti!» waan jedheeruuf, inni isii gammachiisu'uuf, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisise.
MAR 6:19 Heroodiyaas Yohaannisitti haloonfattee, isa ijjeesisiisaaf barbaadde. Yohaannis nama balcha'aa fi woyyuu akka te'e beekee, Heroodis isa sodaatee waan eessisaa tureef, isiin ammoo isa ijjeesiisu'uuf hin dandeenne. Heroodis yennaa dubbii Yohaannisii dhage'e gadhaa lama te'e. Te'ulle inni yennaa hedduu gammadaan isa caqasaa ture.
MAR 6:21 Heroodis guyyaa jila qaabbii dhaloota ifiitiif jedhee qondaaltota gugurdoo biyya ifii, dura aantota worra woraanaatii fi Galiilaa keessatti worra beekkamaneef waamicha godhe irratti, Heroodiyaas karaa dhaggatte.
MAR 6:22 Intalti Heroodiyaasii ol seentee yennaa sirbite, Heroodisii fi keessummoota isaa gammachiitte. Heroodisille intalaan, «Waan barbaadde mara na gaafadhu; ani si'iif hin kennaa!» jedhe.
MAR 6:23 Ammalle, «Wol qixxee mootummaa tiyyaalle, waan ati na gaafatte mara si'iif hin kenna» jedhee kakate.
MAR 6:24 Maarre intalti gad baatee, «Maan gaafadha?» jettee haadha ifii gaafatte. Haati ammoo, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa» jettee deebiteef.
MAR 6:25 Yennuma san intalti gara Heroodisii ariifattee deebitee, «Ammuma tana mataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti akka ati naaf kennitu barbaada» jetteen.
MAR 6:26 Waan kanaaf Heroodis akka malee gadde; ammoo keessumoota ifii duratti kakuu waan galeef jedhee, dubbii isi'ii diduu hin barbaanne.
MAR 6:27 Yennuma san Heroodis eedduu keessaa lolticha tokko ergee, mataa Yohaannisii akka fiduuf ajaje. Loltichi sun dhaqee mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kute.
MAR 6:28 Achiin duuba mataa isaa san qorii keessa keyee fidee intalatti kenne; intaltille haadha ifiititti kennite.
MAR 6:29 Barattooti isaa waan kana yennaa dhage'ane reeffa isaa fuudhanee awwaalane.
MAR 6:30 Ergantooti gara Yesuusii yennaa deebi'ane, waan hujanee fi waan barsiisane mara isatti himane.
MAR 6:31 Namooti hedduun kuun dhufaa kuun deemaa waan jiranuuf, Yesuusii fi barattooti isaa yennaa areeratanulle dhabane. Tanaaf inni isaaniin, «Ka'aa me takkaa addee qoommi'iititti baaneen foorfattanii» jedhe.
MAR 6:32 Maarre isaan hobolo'oon qofuu addee qoommi'ii dhaqane.
MAR 6:33 Namooti hedduun ammoo isaan deemaaranuun dhagganee hubatane; worri qachoota mara keessaa dhufane miilaan fiiganee isaaniin dura achi geyane.
MAR 6:34 Yesuus qarqara bisaaniititti hoboloo keessaa yennaa baye, gumii guddoo ta akka hoolota tissee hin qannee fakkaattu dhaggee isi'ii gadde. Maarre inni waan hedduu isaan barsiisiisa jalqabe.
MAR 6:35 Yennaa latti galgalootte barattooti isaa gara isaa dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiitteerti.
MAR 6:36 Gumiin tun gara olla'aa fi oorruu as aananuu kana dhaqanee, waan nyaatanu akka bitatanuuf gad lakkisi!» jedhane.
MAR 6:37 Yesuus deebisee, «Isin waan nyaatanu isaaniif kenna'a!» jedhe. Isaan ammoo, «Dhandhee mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun daabboo binnee isaanii kenninaa ree?» jedhanee gaafatane.
MAR 6:38 Jennaan inni, «Daabboo meeqa qaddan? Dhaqa'aatii ilaala'a!» isaaniin jedhe. Isaan meeqa akka teete beekaneen duuba, «Daabboo xaltaa lama» jedhaneen.
MAR 6:39 Yesuus akka isaan namoota maraa cinna cinnaan marra bisilee irra teessisanu barattoota ifiititti hime.
MAR 6:40 Isaanille cinna dhibba dhibbaan, shantama shantamaan tee'ane.
MAR 6:41 Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara ol-gubba'aa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo'oo san caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute.
MAR 6:42 Nami maraayyuu nyaatee quufe.
MAR 6:43 Barattooti isaa hambaa daabbo'ootii fi qurxummi'ii kollonjoo kudhanii lama mijuu fuudhane.
MAR 6:44 Kolbaan sagalee san nyaatte dhiirti callaanuu kuma shan.
MAR 6:45 Yennuma san, Yesuus adoo kolbaa ifi irraa geegessiisatti jiruu, barattooti isaa hoboloo yaabanee isaan dura abbaaya'aan gama gara Betsayida'aa akka deebi'anee bu'anu tolche.
MAR 6:46 Inni kolbaa saniin nageyatti jedheen duuba daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye.
MAR 6:47 Yennaa galgalaalle inni qofuu achi jiraayyu; hoboloon ammoo odduu abbaaya'aa jirti.
MAR 6:48 Bubbeen gara isaanii waan bubbitteef, shaffisa'aan bisaan gurduummataa rakkataa akka turane dhagge. Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara isaanii dhufee, cinaa isaanii akka dabaruu te'e.
MAR 6:49 Yesuus bisaan gubbaa ideemuun barattooti yennaa dhaggane, ekeraa seyanee iyyane.
MAR 6:50 Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha'a! Wonni Ana; hin sodaatina'a!» isaaniin jedhe.
MAR 6:51 Inni hoboloo isaanii yaabee jennaan, bubbeen cadhitte. Barattooti akka malee baaseffatane.
MAR 6:52 Qalbiin isaanii waan duuddeertuuf, isaan baasa inni daabbo'oon hojjateeyyuu hubatuu hin dandeenne.
MAR 6:53 Yesuusii fi barattooti yennaa hobolo'oon abbaaya'aan gamatti qaxxaamuranee, Genesaarexitti lafatti bayane, qarqara bisaaniititti hoboloo hidhatane.
MAR 6:54 Akkuma isaan hoboloo keessaa bayaneen, kolbaan Yesuus akka te'e beette.
MAR 6:55 Maarre isaan adaala godina sanii duudii keessa fiiganee, addee inni achi jira jechuu dhage'ane maratti, worra dhibamane rare'een gara isaa fidane.
MAR 6:56 Addee Yesuus dhaqe, olloota, qachoota, oorruu yookiin lafa dikko'oo maratti, worra dhibamaa gara lafa qaaleyaa yaasanee, handaaruma woyaa isaalle tuqiisaaf isa kadhatane. Worri handaara woyaa isaa tuqane maraayyuu fayyane.
MAR 7:1 Fariisaayotaa fi barsiisoti seera Muuse'ee ka Yerusaalemii dhufane gariin, Yesuus biratti wolitti qabamane.
MAR 7:2 Barattooti Yesuusii gariin, akka seera isaaniititti, harka dhiqachu'uun adoo ifi hin qulleessin harka xuri'iitiin sagalee nyaatanuun dhaggane.
MAR 7:3 Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te'ane maraayyuu, aadaa maanguddoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu.
MAR 7:4 Yennaa dikko'oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu. Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu'utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan.
MAR 7:5 Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, «Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri'iitiin maaf sagalee nyaatan?» jedhanee Yesuus gaafatane.
MAR 7:6 Yesuus deebisee, «Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif: ‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti; gadhaan isi'ii ammoo na irraa fago'oo.
MAR 7:7 Aadaa namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, na waaqonfatuun isaanii gatii hin qabu› jedhee ka raage dhuga'a.
MAR 7:8 «Isin ajaja Waaqaa ulfeessuu diddanee, aadaa namaa ulfeessitan» isaaniin jedhe.
MAR 7:9 Yesuus itti aansee, «Aadaa teessan hordofiisaaf jettanee ajaja Waaqaa didu'uuf mala dansaa qaddan.
MAR 7:10 Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa keeti ulfeessi!›, ‹Abbaa ifiitii fi haadha ifii ka abaaru ijjeefamuu ti› jedhee ajajeera.
MAR 7:11 Isin ammoo nami abba'aa fi haadha ifii gargaaru'uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‹Qurbaana te'eera› akkas jechuun Waaqaaf kennameera yoo jedhe,
MAR 7:12 duuba inni deebi'ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu.
MAR 7:13 Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu'uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan» isaaniin jedhe.
MAR 7:14 Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, «Isin martinuu waan ani jedhu caqasa'aatii hubadha'a!
MAR 7:15 Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa. [
MAR 7:16 Gurra dhage'u nami qabu dhage'uu ti]» isaaniin jedhe.
MAR 7:17 Yennaa Yesuus gumii dhiisee gara manaa seene, barattooti isaa akka inni mammaassa kana hiiku isa gaafatane.
MAR 7:18 Inni ammoo, «Isinille akkuma worra kaanii adoo hin hubatin jirtanii? Wonni alaa gara gadhaa namaa galu maraa nama batteessiisa akka hin dandeenne isin hin hubattanuu?
MAR 7:19 Sagaleen gara qalbii namaa hin seentu; gara gadhaa namaa seentee nafa keessaa baati» isaaniin jedhe. Tana jechu'uun sagaleen martinuu nyaataaf qullittii akka teete beessise.
MAR 7:20 Yesuus itti aansee, «Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa.
MAR 7:21 Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu,
MAR 7:22 gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaaffaa, maqaa balleessuu, kooru'uu fi gowwu'u.
MAR 7:23 Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti» jedhe.
MAR 7:24 Yesuus achii deemee gara biyya Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barbaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne.
MAR 7:25 Dubartiin takka, ta intalti isi'ii ayyaana hama'aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde.
MAR 7:26 Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiqee jedhantu ta biyya Sooriya'aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi'ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte.
MAR 7:27 Yesuus ammoo, «Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun dansa'aa moti» isi'iin jedhe.
MAR 7:28 Isiin ammoo deebittee, «Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle'ee keessaa harcaate nyaatti» jetteen.
MAR 7:29 Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi'iin jedhe.
MAR 7:30 Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi'ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite.
MAR 7:31 Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiiroosiitii ka'ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila'aa dhaqe.
MAR 7:32 Jarri takka, namicha gurra duuda'aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte.
MAR 7:33 Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe;
MAR 7:34 gara ol-gubba'aa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, «Efaataa» isaan jedhe. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u.
MAR 7:35 Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate.
MAR 7:36 Yesuus waan kana nama tokkolle'etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane.
MAR 7:37 Worri dhage'ane mara waan kana akka malee jajanee, «Wonni inni tolchu marti dansa'a! Worri gurra duude akka dhage'u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha» jedhane.
MAR 8:1 Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee,
MAR 8:2 «Kolbaan tun guyyaa sadiin na woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin naya.
MAR 8:3 Isaan keessaa lafa fago'ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala'aa yoo jedhe, kara'atti hin gaggaban» jedhe.
MAR 8:4 Barattooti isaa deebisanee, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen.
MAR 8:5 Yesuus, «Daabboo xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafannaan, isaan, «Xaltaa torba» jedhaneen.
MAR 8:6 Inni gumiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane.
MAR 8:7 Isaan qurxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime.
MAR 8:8 Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hambaa hatte kollonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen,
MAR 8:10 barattoota woliin hoboloo yaabbatee gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe.
MAR 8:11 Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane.
MAR 8:12 Inni ammoo hafuura gabbaa baafatee, «Dhalooti kun maaf beessisa gaafata? Ani dhugumaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf beessisi hin kennamu!» jedhe.
MAR 8:13 Achiin duuba inni isaan lakkisee, ammalle hoboloo yaabbatee, gara abbaayaan gamaa bu'e.
MAR 8:14 Barattooti sagalee fidatiisa dedhanee, hoboloo keessatti xaltaa tokko callaa qaban.
MAR 8:15 Yesuus isaaniin, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Heroodisii irraa ifi eegadha'a!» jedhee ifi eeggachiise.
MAR 8:16 Isaan wol woliin, «Inni waan nuuti sagalee hin qanneef akkana jedha» jedhanee dudubbatane.
MAR 8:17 Yesuus yaada isaanii beekee, «Maaf waan dhaba sagalee teessanii dudubbattan? Isin haga ammaa hin beennee? Qalbii hin qaddanuu?
MAR 8:18 Adoo ila qaddanuu hin dhaggitanuu? Adoo gurra qaddanuu hin dhageettanuu? Isin hin qalbeeffattanuu?
MAR 8:19 Yennaa ani daabboo xaltaa shanan namoota kuma shaniif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Kudhanii lama» jedhanee deebisane.
MAR 8:20 Yesuus itti aansee, «Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hambaa hatte kollonjoo guutuu meeqa fuutane?» jedhee gaafate. Isaanille, «Torba» jedhaneen.
MAR 8:21 «Isin ammalle hin hubattanuu?» jedhee gaafate.
MAR 8:22 Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida'aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte.
MAR 8:23 Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, «Wo dhaggitaa?» jedhee gaafate.
MAR 8:24 Namichi midhatee ilaalee, «Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu natti fakkaatan» jedhe.
MAR 8:25 Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge.
MAR 8:26 Kanaan duuba Yesuus, «Olla'atti hin deebi'in» jedhee namicha gara mana isaa galche.
MAR 8:27 Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qiisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate.
MAR 8:28 Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; kuun ammoo raagota keessaa tokko si'iin jedhan» jedhanee deebisaneef.
MAR 8:29 Yesuus, «Isin hoo, eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoos» jedheen.
MAR 8:30 Yesuus waan isaa eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan seere.
MAR 8:31 Yesuus, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee barattoota ifii barsiise.
MAR 8:32 Inni dubbii tana isaaniif ifa tolchee dubbate. Pheexroos ammoo Yesuus cina'atti fuudhee, waan akka sanii san akka hin dubbanne dhoogge.
MAR 8:33 Inni ammoo garagalee barattoota ifii ilaalee, Pheexroosiin, «Seexana, na irraa bayyadhu! Ati akka namaa malee, akka Waaqaa hin yaadattu» jedhee xixe.
MAR 8:34 Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, «Eennulle na hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, na hordofuu ti.
MAR 8:35 Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata.
MAR 8:36 Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati?
MAR 8:37 Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande'a?
MAR 8:38 Nama dhaloota gaarayyeeffata'aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata» jedhe.
MAR 9:1 Yesuus itti dabalee, «Dhugumaan isinitti hima; namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa, adoo hin du'in mootummaan Waaqaa, hunnaan dhutteertuun worri dhaggu jira» jedhe.
MAR 9:2 Yesuus guyyaa jaan duuba, Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis fudhatee, ol gara gaara tokkoo qofitti baase. Achitti inni isaan duratti jijjiiramee,
MAR 9:3 woyaan isaa eennulle nami lafa irraa ka woyaa borcu tokko dande'ee haga addeessuun caalaa adii calkii teete.
MAR 9:4 Achiin duuba barattooti sadiin Eliyaasii fi Muuseen Yesuus woliin haasowanuun dhaggane.
MAR 9:5 Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Kowa'a gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedheen.
MAR 9:6 Isaan akka malee waan sodaataneeranuuf, Pheexroos waan dubbateeyyuu hin beenne.
MAR 9:7 Achiin duuba duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle. Duumensa keessaa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka an jaaladhu, isa dhage'aa!» jette.
MAR 9:8 Yennuma san yennaa isaan adaala ifii ilaalanu Yesuus qofa ifi biratti dhaggane malee, nama dhibii eennulle hin dhaggine.
MAR 9:9 Yesuusii fi barattooti isaa gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan dhaggitane, nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee barattoota ifii seere.
MAR 9:10 Isaan dubbii isaa fudhatane; ammoo, «Du'aa ka'iis kun maan inni?» jedhanee wol gagaafatane.
MAR 9:11 Barattooti isaa, «Maaf barsiisoti seeraa, ‹Eliyaasitti dursee dhufa› jedhan?» jedhanee Yesuus gaafatane.
MAR 9:12 Yesuus deebisee, «Akka waan mara miidhassuuf dhugumaan Eliyaas hin dhufa; ammoo Ilmi Namaa akka guddoo rakkatuu fi jibbamuu ta barreeffante ho ree?
MAR 9:13 Ani ammoo isinitti hima; Eliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffantetti, namooti waanuma fedhane isa tolchane» jedhe.
MAR 9:14 Yesuusii fi barattooti sadiin, gara barattoota taanii yennaa deebi'anee dhufane, gumiin guddoon isaan marsitee, barsiisoti Seera Muuse'ee isaan woliin moromanuun dhaggane.
MAR 9:15 Gumiin sun yennaa Yesuus dhaggite, akka malee maadeffattee, gara isaa rukkittee nageya fuute.
MAR 9:16 Yesuus, «Wonni isin irratti wol morontanu maan inni?» jedhee isaan gaafate.
MAR 9:17 Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisa'a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera.
MAR 9:18 Yennaa durriisi itti ka'u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne» jedhe.
MAR 9:19 Yesuus deebisee, «E! Isin dhaloota hin dhugeeffanne! Haga yoomii isin bira jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!» isaaniin jedhe.
MAR 9:20 Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajassiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise.
MAR 9:21 Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana te'a?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aa deebisee, «Ijoolluma'aan jalqabee ti.
MAR 9:22 Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne'ee nu'uuf nayiitii nu gargaar» jedhe.
MAR 9:23 Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande'anti» jedhee deebise.
MAR 9:24 Yennuma san abbaan muca'aa, «Ani dhugeeffannaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!» jedheen.
MAR 9:25 Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama'aan, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi'in» jedhee isa xixe.
MAR 9:26 Ayyaanni mucaa iyyisiisee, gajassiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa teenaan, namooti hedduun, «Du'eera» jedhane.
MAR 9:27 Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; innille ol ka'ee dhaabbate.
MAR 9:28 Yesuus gara manaa seeneen duuba, barattooti isaa, «Nuuti ayyaana hamaa san maaf baasuu dadhanne?» jedhanee qofitti isa gaafatane.
MAR 9:29 Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu» isaaniin jedhe.
MAR 9:30 Yesuusii fi barattooti isaa addee san lakkisanee Galiilaa keessa dabarane. Yesuus, «Ilmi Namaa harka worra isa ijjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin ijjeesan; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhaa barattoota ifii waan barsiisiisatti jiruuf, eennulle addee inni jiru akka beekuuf hin barbaanne.
MAR 9:32 Isaan ammoo wonna inni barsiise kana hin hubanne; isa gaafachu'uufille sodaatane.
MAR 9:33 Yesuusii fi barattooti isaa Qifirnaahoom dhaqanee, mana geyaneeranuun duubatti Yesuus, «Kara'atti wonni isin irratti wol morontane maan inni?» jedhee isaan gaafate.
MAR 9:34 Isaan ammoo, «Nu keessaa ka caalu eennu laati?» jedhanee waan wol moromaneeranuuf cadhisane.
MAR 9:35 Yesuus tee'een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, «Nami caalaa namaa te'iisaaf barbaadu, gadee namaa te'ee, tajaajilaa nama maraa te'uu ti» jedhe.
MAR 9:36 Achiin duuba Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee,
MAR 9:37 «Eennulle ka daa'ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, na fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata malee na calla'aa moti» isaan jedhe.
MAR 9:38 Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisa'a, namicha tokko, ka maqaa keetiin durriisota baasu dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, nuuti ammoo isa dhooggine» jedheen.
MAR 9:39 Yesuus ammoo, «Nami maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi'ee ammoo, dafee hantuu tiyya dubbatu waan hin jirreef, isa hin dhooggina'a.
MAR 9:40 Nami nu'uun hin mormine golii teenna.
MAR 9:41 Ani dhugumaan isiniin jedha, isin kiyya waan teetaneef, maqaa kiyyaan nami bisaan unto'oo xuuxxoo tokko isinii kennu gatii qaba.
MAR 9:42 «Eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkochi akka cubbuu tolchanuuf ataabiisaa mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaa woyya.
MAR 9:43 Harki keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaannee galiisaa mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [
MAR 9:44 Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]
MAR 9:45 Miilli keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; miila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [
MAR 9:46 Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.]
MAR 9:47 Ilti teeti akka cubbuu tolchituuf yoo si ataadde ifi keessaa baasi; ila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, ila takkattii callaa qabaattee mootummaa Waaqaa galuu si'iif woyya.
MAR 9:48 Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.
MAR 9:49 Nami martinuu ibiddaan kurowa.
MAR 9:50 «Sooddi waan dansa'a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree? «Soodda ifi keessatti qabaadha'a; wolii keessaniifille nageya qabaadha'a!» jedhe.
MAR 10:1 Yesuus addee sanii ka'ee gara biyya Yihuda'aatii fi laga Yordaanosiitiin gama dhaqe. Ammalle gumiin guddoon gara isaa dachaanaan, inni akkuma aadaa ifii isaan barsiise.
MAR 10:2 Worri Fariisaayotaa tokko tokko Yesuus dubbi'iin xaqariisaaf fedhanee, gara isaa dhufanee, «Nami tokko ibidda ifii baasuun seeraa?» jedhanee gaafatane.
MAR 10:3 Yesuus deebisee, «Seerri Muuse'ee maan jedha?» isaaniin jedhe.
MAR 10:4 Isaan deebisanee, «Muuseen ‹Nami tokko woraqata lakkeessaa barreessee akka lakkisuuf eeyyameera› » jedhane.
MAR 10:5 Yesuus deebisee, «Muuseen sababa mataa jabeenna keessaniitiif seera kana isinii barreesse.
MAR 10:6 Jalqabatti yennaa dadi dadantu, ‹Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;›
MAR 10:7 ‹Waan kanaaf nami tokko abba'aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan.
MAR 10:8 Isaan lachuu tokko te'an.› Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti.
MAR 10:9 Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe.
MAR 10:10 Yennaa deebi'anee galane, manatti barattooti isaa dubbii tana isa gaafatane.
MAR 10:11 Inni deebisee, «Eennulle ka ibidda ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu, ibidda ifii dassee gaarayyeeffata.
MAR 10:12 Akkasuma dubartiin abbaa manaa ifii jalaa baatee, nama dhibii heerumtu takka hin gaarayyeeffatti» isaaniin jedhe.
MAR 10:13 Namooti gariin akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti ammoo isaan dheekkamane.
MAR 10:14 Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, «Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoollee tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina'aa lakkisa'a!
MAR 10:15 Ani dhugumaan isinitti hima; eennulle mootummaa Waaqaa akka ijoolleen takka fudhattutti ka hin fudhanne, itti hin galu» jedhe.
MAR 10:16 Achiin duuba ijoollee habbaarratee harka ifiitiin qaqqabee, isaan eebbise.
MAR 10:17 Yesuus ideemiisaaf ka'ee kara'atti bayeeruun, namichi tokko gara isaa fiigee, isa duratti jilbiiffatee, «Barsiisaa dansa'a! Jiruu bara baraatitti galiisaaf ani maan tolchu'uu male?» jedhee gaafate.
MAR 10:18 Yesuus deebisee, «Maaf barsiisaa dansa'a naan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru.
MAR 10:19 Ati seera ‹Hin ijjeesin, hin gaarayyeeffatin, hin hatin, dharaan nama irratti dhugaa hin bayin, hin sobin, abbaa keetii fi haadha teetiif ulfinna kenni› jedhu hin beetta» jedheen.
MAR 10:20 Namichi deebisee, «Barsiisa'a! Ani seera kana mara ijoollumma'aanuu jalqabee eegadheera» jedheen.
MAR 10:21 Yesuus isa hubatee ilaalee jaalatee, «Waan tokko calla'atti si irraa dhidhate. Dhaqii, waan qaddu gurguriitii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, ol-gubba'atti hin duroontaa; achiin duuba koyiitii na hordofi!» jedheen.
MAR 10:22 Namichi yennaa dubbii tana dhage'ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme.
MAR 10:23 Yesuus adaala ifii ilaalee barattoota ifiitiin, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam rakkisa'a!» jedhe.
MAR 10:24 Barattooti dubbii tana rifatane. Yesuus ammoo ammalle, «Ijoollee tiyya mootummaa Waaqaatitti galiisi attam attam rakko'o!
MAR 10:25 Nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti kaso'oo» isaaniin jedhe.
MAR 10:26 Barattooti Yesuusii akka malee dubbii tana baaseffatanee, «Yoona eennutti fayyuu dande'a ree?» jedhanee wol gagaafatane.
MAR 10:27 Yesuus gara isaanii ilaalee, «Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande'antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande'anti» jedhe.
MAR 10:28 Jennaan Pheexroos, «Kunoo, nuuti waan maraa lakkinnee si hordonneerra» jedheen.
MAR 10:29 Yesuus deebisee, «Dhugumaan isinitti hima; eennulle mana yookiin obboleeyyan yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin fichaa anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee ka lakkise,
MAR 10:30 lafuma tanatti manoota, obboleeyyan, obboleettota, haadhotii, ijoolle'ee fi fichoota harka dhibbaan caalaa miidhaa woliin hin fudhata; lafa dhuttulle'etti jiruu bara baraa hin qabaata.
MAR 10:31 Ammoo worri hedduun amma dura jiranu, worra duubaa hin te'an; worri hedduun amma duuba jiranu worra duraa hin te'an» jedhe.
MAR 10:32 Yesuusii fi barattooti isaa Yerusaalem dhaqiisaaf kara'atti bayanee ol qabatanuun, Yesuus isaaniin dura ideemuun, barattooti maadeffatanee, worri duubaan hordofiisatti jirulle sodaatane. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammalle maddi'itti baasee, waan isatti dhufu'uuf jiru isaanitti hime.
MAR 10:33 Inni isaaniin «Kunoo, gara Yerusaalemii ol bayaarra; Ilmi Namaa harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan du'a itti muranee, worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan;
MAR 10:34 isaan isa hin ceeggatan, itti hin tufan, dhaananee hin ijjeesan; ammoo guyyaa sadiin duuba du'aa hin ka'a» jedhe.
MAR 10:35 Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanee, «Barsiisa'a! Nuuti akka ati nuuf tolchituuf waan barbaannutti jira» jedhaneen.
MAR 10:36 Yesuus, «Akka ani isinii tolchuuf wonni isin barbaaddanu maan isiin?» isaaniin jedhe.
MAR 10:37 Isaan deebisanee, «Yennaa barcumaa keeti ka mootummaa ulfinnaa irra teette, tokko midda keetitti, tokko bitaa keetitti akka teennu barbaanna» jedhaneen.
MAR 10:38 Yesuus ammoo, «Isin waan gaafattanu hin beettanu! Muduunuu rakko'oo ta ani itti unutti unuu hin dandeettanii? Akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe.
MAR 10:39 Isaan, «Hin dandeenna» jedhaneen. Yesuus, «Isin dhugumaan muduunuu ani itti unutti unuu hin dandeettan, akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan.
MAR 10:40 Middaa fi bitaa kiyyatti filee ka teessisu ammoo anaa moti; addee tana worra qophootteertuuf ka kennu Waaqa» isaaniin jedhe.
MAR 10:41 Barattooti kudhan hafane kuun yennaa waan kana dhage'ane, Yaaqoobii fi Yohaannisitti aarane.
MAR 10:42 Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, «Mootoleen worra Yihudoota hin te'inii, worra mowanu hunnaan akka mowanu, bulchooti isaaniille baallii guutu'uun akka bulchanu isinuu hin beettan.
MAR 10:43 Isin oddu'utti ammoo akkas hin te'u; eennulle isin keessaa nama guddaa te'iisaaf ka barbaadu, tajaajilaa keessan te'uu ti.
MAR 10:44 Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te'iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te'uu ti.
MAR 10:45 Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.
MAR 10:46 Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo'oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla'aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee'eera.
MAR 10:47 Inni Yesuus nama biyya Naaziretii akka te'e yennaa dhage'e, «Yesuus! Ilma Daawitii naaf nayi!» jedhee iyye.
MAR 10:48 Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo'oon, «Ilma Daawitii, naaf nayi» jedhee iyye.
MAR 10:49 Yesuus dhaabbatee, «Isa as waama'a!» jedhe. Jennaan isaan namicha waamanee, «Inni si waamiisatti jira, jabaadhu! Ka'i!» jedhaneen.
MAR 10:50 Maarre inni geelaa ifi irraa gatee, utaalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe.
MAR 10:51 Yesuus, «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan deebisee, «Barsiisa'a! Ani dhaggiisaaf barbaada» jedheen.
MAR 10:52 Yesuusille isaan, «Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!» jedhe.
MAR 11:1 Isaan akkuma Yerusaalemitti dhikaataneen, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti, gaara Ejersaa bira geyane. Yesuus barattoota ifii keessaa nama lamaaniin,
MAR 11:2 «Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan; hiika'aatii as fida'a.
MAR 11:3 Eennulle ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta'atti barbaada; inni adoo hin turin hin deebisa› jedha'aan» jedhee erge.
MAR 11:4 Maarre isaan dhaqanee, ilmayyoo harre'ee balbala takka duratti, karaa qarqaratti hidhameeruun dhaggane. Adoo isaan hiikiisatti jiranuu,
MAR 11:5 worra achi dhaabbataneeranu keessaa namooti gariin, «Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?» jedhanee isaan gaafatane.
MAR 11:6 Barattootille waan Yesuus jedhe isaanitti himane; isaanille lakkisane.
MAR 11:7 Barattooti ilmayyoo harre'ee gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii harree irra buusane; innille irra tee'e.
MAR 11:8 Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccassanee karaa irratti afane.
MAR 11:9 Worri dura ideemanuu fi worri duubaan hordofanu, «Hosaa'inaa! maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame!
MAR 11:10 Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuttu ta eebbifante! Ol-gubba'atti Hosaa'inaa!» qoonqoo guddo'oon jedhane.
MAR 11:11 Yesuus Yerusaalem geyee, Galma Waaqaa dhaqee, waan adaala sanii mara ilaale. Ammoo waan dhiiteertuuf barattoota ifii kudhanii lamaan wolii gara Bitaaniya'aa dhaqe.
MAR 11:12 Guyyaa lammeesso'oo yennaa isaan Bitaaniya'aa deebi'anu Yesuus beelaye.
MAR 11:13 Inni harruu urruuba takka fago'otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te'uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe.
MAR 11:14 Maarre Yesuus harruu saniin, «Eennulle ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin nyaatin!» jedhe. Barattooti isaalle waan inni jedhe kana dhage'ane.
MAR 11:15 Yennaa isaan Yerusaalem geyane, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee, worra Galma Waaqaa keessatti wo bituu fi gurguratu mara gad yaase. Inni Xarapheessaa worra birrii jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garaggaggalchee,
MAR 11:16 eennulle dalleya Galma Waaqaa keessa meya tokkolle ba'atee akka hin qaxxaamurre dhoogge.
MAR 11:17 Achiin duuba inni, « ‹Manni kiyya gosa maraafuu mana daadimataa te'a› jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu tolchitane» jedhee kolbaa barsiise.
MAR 11:18 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhage'anee, mala isa ittiin ijjeesanu barbaadiisatti ka'ane. Waan gumiin barsiisa isaa akka malee baaseffatteertuuf, isaan isa sodaatane.
MAR 11:19 Galgala san, Yesuusii fi barattooti isaa qacha'aa bayane.
MAR 11:20 Guyyaa lammeesso'oo ganama, adoo karaa san dabaranuu, harruun hidda isi'ii mara woliin goddeertuun dhaggane.
MAR 11:21 Pheexroos waan Yesuus harru'uun jedheeru qaabatee, «Barsiisa'a, ilaali! Harruun ati abaarte goddeerti» Yesuusiin jedhe.
MAR 11:22 Yesuusille deebisee, «Waaqatti dhugeeffadha'a.
MAR 11:23 Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‹Asii ka'iitii, gara abbaaya'aa ifi darbi!› yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti.
MAR 11:24 Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha'a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama.
MAR 11:25 «Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama'a. [
MAR 11:26 Ammoo yoo isin namaa araaramuu diddane, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan isinii hin araaramu]» jedhe.
MAR 11:27 Isaan ammalle Yerusaalemitti deebi'ane. Yesuus Galma Waaqaa keessa adoo deddeemuu, sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoleen gara isaa dhufanee,
MAR 11:28 «Waan kana mara tolchiisaaf baallii maanii qadda? Waan kana mara akka tolchituuf eennutti baallii tana si'iif kenne?» jedhane.
MAR 11:29 Yesuus deebisee, «Ani waan tokko isin gaafadha; yoo naaf deebittane, anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hima.
MAR 11:30 Yohaannis akka cuuphuuf baallii eennutti kenneef? Waaqa mo'o nama? Me naaf deebisa'a!» isaaniin jedhe.
MAR 11:31 Isaan wol mormanee, «Waaqa yoo jenne, ‹Maaf dubbii Yohaannisii dhugeeffata diddane ree?› nu'uun jedha;
MAR 11:32 ‹Nama jennuu ree?› » jedhane. Nami mara Yohaannis akka dhugumaan raagichaatitti waan fudhateeruuf, kolbaa sodaatane.
MAR 11:33 Tanaaf isaan Yesuusiin, «Nuuti hin beennu» jedhane. Yesuus deebisee, «Maarre anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
MAR 12:1 Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qonnaan bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme.
MAR 12:2 Yennaan midhaan muka woyni'ii guuranu geennaan, midhaan fudhatiisaaf hojjataa tokko gara qonnaan bultoota ifii erge.
MAR 12:3 Qonnaan bultooti sun isa qabanee, dhaananee harka duwwaa ari'ane.
MAR 12:4 Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; qonnaan bultooti mataa isaa dachaanee qaanessane.
MAR 12:5 Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane.
MAR 12:6 Abbaan muka woyni'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‹Ilma kiyya hin ulfeessan› jedhee, isa gara isaanii erge.
MAR 12:7 Qonnaan bultooti sun ammoo, ‹Ka abbaa fichaa muka woyni'ii dhaalu isaa kana; kowa'a isa ijjeennaa, dhaalli nu'uuf hin te'a› woliin jedhane.
MAR 12:8 Maarre isaan ilma abbaa fichaa muka woyni'ii qabanee ijjeesanee, fichaa woyni'ii keessaa alatti qolaansane.
MAR 12:9 «Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan godha ree? Inni hin dhufa; qonnaan bultoota san hin ijjeesa; fichaa muka woyni'ii san, worra dhibi'itti hin kennata.
MAR 12:10 Isin Barreeffama Woyyicha keessatti ‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e.
MAR 12:11 Wonni kun waan Goottaan tolche; ila teennalle'etti waan baasaa ti;› ta jettu hin dubbinnee?» jedhee gaafate.
MAR 12:12 Bulchitooti Yihudootaa mammaassa kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanee, isa qabiisaaf barbaadane; ammoo gumii waan sodaataneef isa lakkisanee deemane.
MAR 12:13 Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaru'uuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane.
MAR 12:14 Worri ergamane dhufanee, «Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?» jedhaneen.
MAR 12:15 Inni ammoo kijiba isaanii beekee, «Isin maaf na xaqariisaaf wodhaantan? Me hin ilaalaa, beesee san fida'a!» jedheen.
MAR 12:16 Isaan beesee itti finnaan, «Fakki'ii fi maqaan irra jiru kun ka eennuuti?» jedhee gaafate. Isaanille, «Ka mooticha mootota worra Rooma'aa ti» jedhaneen.
MAR 12:17 Maarre Yesuus isaaniin, «Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!» jedhe; isaanille isa baaseffatane.
MAR 12:18 Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhanu gara Yesuusii dhufanee,
MAR 12:19 «Barsiisa'a! Muuseen, ‹Nami tokko niitii fuudhee adoo hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti!› jedhee Seera keessatti nu'uuf barreesseera.
MAR 12:20 Obboleeyyan torbaan tokko jiran; angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e.
MAR 12:21 Obboleessi isatti aanulle dubartuma san dhaalee, ijoollee adoo hin uumatin du'e; obboleessi sadeesso'oolle akkasuma isii dhaalee irraa du'e.
MAR 12:22 Isaan torbaanuu dubartuma san fuudhanee, ammoo ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. Muummee irratti dubartiin sunille duute.
MAR 12:23 Isaan torbaanuu niitumma'aan isii fuudhaneeranii, guyyaa worri du'ane ka'anu isaan keessaa kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane.
MAR 12:24 Yesuus isaaniin, «Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu.
MAR 12:25 Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan akka ergantoota ol-gubba'aa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e.
MAR 12:26 Marroo ka'iisa worra du'anee: Kitaaba Muuse'ee keessatti addee waan tusee gubattuu dubbattu hin dubbinnee? Achitti ta barreeffante, Waaqi Muuse'een, ‹Ani Waaqa Abraamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti› jedhe.
MAR 12:27 Inni Waaqa worra jira'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti. Isin akka malee dokonkortane» jedhe.
MAR 12:28 Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, «Ajaja mara keessaa guddichi kam?» jedhee Yesuus gaafate.
MAR 12:29 Yesuus, «Ajaji guddichi, ‹Israa'el, dhage'i! Goottaan Waaqi keenna Goottaa tokkocha.
MAR 12:30 Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin› jaaladhu.
MAR 12:31 Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‹Nama mara akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru» jedhe.
MAR 12:32 Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, «Barsiisa'a! Dansaa dubbatte; ‹Goottaa Waaqa tokkocha malee, Waaqi dhibiin hin jiru› jettee ka dubbate dhuga'a.
MAR 12:33 Waaqa gadhaa tokkochaan, qalbii takkatti'iin, hunna takkatti'iin jaalatiisii fi ollaa ifii akka mataa ifii jaalatiis, woreega ciinca'aatii fi woreega dhibii Waaqaaf dhiyeessuu caala» jedhe.
MAR 12:34 Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, «Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
MAR 12:35 Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, «Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‹Mesiihiin ilma Daawitii ti› jechuu dande'an?
MAR 12:36 Ayyaanni Woyyichi akka Daawiti, ‹Waaqi Goottaa kiyyaan, diinota keeti miila keeti jalatti, haga Ani si'iif kewutti, midda kiyyatti tee'i› jedhu'uuf akeekeera.
MAR 12:37 Daawiti ifiifuu, ‹Goottaa kiyya› jedhee yoo isa waame, attamiin Mesiihiin ilma Daawitii te'uu dande'a?» jedhee gaafate. Gumiin guddoon gammadaan isaa dhageette.
MAR 12:38 Yesuus adoo isaan barsiisuu, «Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dheertuu uffatanee asii fi achi deemaa, addee dikko'ootitti akka nageya ulfinnaa isaan fuudhanu jaalatanu,
MAR 12:39 Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, lafa jilaatitti addee ulfinnaa, worra filatu irraa ifi eeggadha'a!
MAR 12:40 Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaa sossanee itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan» jedhe.
MAR 12:41 Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte;
MAR 12:42 achiin duuba haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhuttee beesee sibiila diima'aa didiqqoo lamaan, ta gatiin isi'ii akka malee diqqo'oo keessa buutte.
MAR 12:43 Yesuus barattoota ifii waamee, «Ani dhugumaan isinitti hima! Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun worra dhibii mara caalaa subba kennansaa keessa buutte jedhe.
MAR 12:44 Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte» jedhe.
MAR 13:1 Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisa'a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa'a!» jedhe.
MAR 13:2 Yesuus, «Ati ijaarsa gugurdaa kana dhaggitaa? Isaan maraa hin diigaman; tokkochi isaaniille wol irratti hin hafanu» jedheen.
MAR 13:3 Yesuus gaara Ejersaa gubba'aa gara Galma Waaqaa gamatti garagalee tee'uun Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiryaas qofitti gara isaa dhufanee,
MAR 13:4 «Nutti himi, wonni kun yoom teeti? Wonni kun mara te'iisaaf beessisi te'uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane.
MAR 13:5 Yesuus isaaniin, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a!
MAR 13:6 Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduulle hin dokonkorsan.
MAR 13:7 Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti.
MAR 13:8 Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; latti addee heddu'uun hin tachooti; beeltille hin teeti. Ammoo kun akka ciniinsuu jalqabaa ti.
MAR 13:9 «Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka naaf dhugaa teetanu, naaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan.
MAR 13:10 Ammoo muummeen dhufiisaan dura, Oduun Gammadaa kolbaa maraaf lallabamuu qaddi.
MAR 13:11 «Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‹Maan dubbanna laati?› jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti.
MAR 13:12 Obboleessi obboleessa, abbaalle ilma gara du'aa dabarsee hin kenna. Ijoolleen worra ifiititti kaatee hin ijjeesisiitti.
MAR 13:13 Nami martinuu sababa kiyyaaf isin jibba. Haga muumme'ee ka ossatu ammoo hin fayya.
MAR 13:14 «Isin, ‹Farra badi'ii› addee dhaabbatu'uu hin malle dhaabbatuun hin dhaggittan; kana ka dubbisu hubatuu ti. Worri Yihudaa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti.
MAR 13:15 Nami mana gubbaa jiru, gad bu'ee mana seenee, wo fudhatiisaaf yennaa hin dabarsin.
MAR 13:16 Nami fichaa keessa jiru, woya'aaf gara manaa hin deebi'in.
MAR 13:17 Guyyooti sun dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif attam sodaachisa'a!
MAR 13:18 Wonni kun ganna keessa akka hin teene daadimadha'a!
MAR 13:19 Guyyooti sun guyyoota rakkinni hamaan itti te'u. Rakkinni akkasii yennaa Waaqi biyyaa lafaa dadeen jalqabee haga ammaatitti ijjumaa te'ee hin beeku. Deebi'eelle hin te'u.
MAR 13:20 Adoo Goottaan guyyaa san gabaassuu dhabaatee, nami tokkolle hin hafu. Kolbaa ifii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaasse.
MAR 13:21 «Yennaa san eennulle isiniin, ‹Ilaala'a! Kiristoos as jira!› yookiin ‹Ilaala'a! Achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a.
MAR 13:22 Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan.
MAR 13:23 If eeggadha'a! Ani dursee waan maraa isinii himeera.
MAR 13:24 «Guyyootuma san keessa, yennaa rakko'oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi'ee hin ifu.
MAR 13:25 Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaati; hunni ol-gubba'aa hin raafanti.
MAR 13:26 Achiin duuba Ilmi Namaa, hunna guddo'oo fi ulfinnaan duumensa keessa dhufuun dhaggitan.
MAR 13:27 Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa wolitti qaban.
MAR 13:28 «Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a. Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan.
MAR 13:29 Akkasuma isinille wonni kun teetuun yoo dhaggitane, akka inni balbalatti dhiyaate hin beettan.
MAR 13:30 Ani dhugumaan isinitti hima; wonni kun maraa haga teetutti dhalooti amma jiru kun hin taru.
MAR 13:31 Ol-gubba'aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru.
MAR 13:32 «Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba'aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku.
MAR 13:33 Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha'a! Dammaqa'a.
MAR 13:34 Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaatti. Inni tokko tokkoofuu waan hujanu kennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja.
MAR 13:35 Maarre, abbaan manaa galgala yookiin halkan hoxxeessa, yookiin iyya lukku'uu, yookiin barii dhufuu isin waan hin beenneef dammaqa'a!
MAR 13:36 Dedhuma yoo dhufe rattaneertanuun me isin dhagguu ti.
MAR 13:37 Ani waan isiniin jedhu nama maraanuu jedha. Dammaqa'a!» jedhe.
MAR 14:1 Amma, Jila Irra Dabaramaatii fi Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetiif guyyaa lamatti hafeera. Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuus attamiin akka qabanee ijjeesanu dhokaataan mari'atane.
MAR 14:2 Isaan, «Kolbaan waan raafantuuf yennaa jilaa tana hin tolchinu» jedhane.
MAR 14:3 Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dur qabameeruutitti adoo areerratiisatti jiruu, dubartiin takka fiqiree makaa hin qanne ta hidda muka naardoosii irraa hujante, ta gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii irraa hujame guutuu fidde; duloo san cassitee fiqiree san mataa Yesuusiititti naxxe.
MAR 14:4 Nami gariin ammoo aaree, «Fiqireen tun maaf akkanaan baddi?
MAR 14:5 Fiqireen tun silaa mindaa woggaa tokkoo caala'atti gurgurantee, beeseen sun hiyyeeyyi'iif hin kennamaayyu» woliin jedhanee, hincinnayanee isii malchane.
MAR 14:6 Yesuus ammoo, «Isii lakkisa'a! Isin maaf isii rakkittan? Isiin waan dansaa naaf gooteerti.
MAR 14:7 Hiyyeeyyiin yennaa maraa isiniin woliin jiran; yennuma feetane isin isaan qarqaaruu hin dandeettan. Ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu.
MAR 14:8 Isiin waan dandeette goote; duraan dursitee nafa kiyyatti fiqiree naxxee awwaalaaf qopheessite.
MAR 14:9 Ani dhugumaan isinitti hima, biyyaa lafaa irratti Oduun Gammadaa addee lallabantu maratti wonni isiin goote kun qaabbii isi'ii te'ee himama» jedhe.
MAR 14:10 Achiin duuba Yihudaan nami biyya Keriyootii barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yesuus dabarsee kenniisaaf gara sooreyyii hayyootaa dhaqe.
MAR 14:11 Isaan waan kana yennaa dhage'ane, gammadanee, beesee isaa kenniisaaf addachiisane. Maarre Yihudaan Yesuus dabarsee kenniisaaf yennaa dagu'uu barbaadate.
MAR 14:12 Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetitti, yennaa hooleen Jila Irra Dabaramaa qalame, barattooti, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee Yesuus gaafatane.
MAR 14:13 Yesuus barattoota ifii lamaaniin, «Gara qacha'aa deema'a! Nama tokko ka okkotee bisaanii kaafateeru dhaggitan. Isa faana deema'aatii,
MAR 14:14 abbaa mana inni seenuutiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a.
MAR 14:15 Achiin duuba inni kolloo mana irraa badhoo, ta meya manaatiin guutantee afante takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a» jedhee erge.
MAR 14:16 Barattooti sun ka'anee gara qachaa gudda'aa dhaqanee, waan maraa akkuma inni isaanitti hime dhaggane; sagalee Jila Irra Dabaramaalle qopheessane.
MAR 14:17 Yennaa latti galgalootte Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin dhufe.
MAR 14:18 Adoo isaan qori'itti hiiqanee nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima; isin keessaa nami tokko, ka na woliin nyaatiisatti jiru dabarsee ana hin kenna» jedhe.
MAR 14:19 Barattooti laaleffatanee, «Dhugumaan anaan jechuu keetii moti! Jechuu keetii?» jedhanee badoo bado'oon isa gaafatane.
MAR 14:20 Yesuus isaaniin, «Inni isin nama kudhanii lamaan keessaa tokko, ka na woliin qorii tanatti cuuphataa nyaataaru.
MAR 14:21 Ilmi namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a; ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Inni adoo ijjumaa dhalatiisa dhabee jiraatee isaa woyya!» jedhe.
MAR 14:22 Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, «Fudhadha'a; kun foon kiyya!» jedhe.
MAR 14:23 Achiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane.
MAR 14:24 Yesuus «Kun dhiiga kiyya, ka kolbaa heddu'uuf dhangala'e, ka Waaqi ittiin gondoore.
MAR 14:25 Ani dhugumaan isinitti hima; mootummaa Waaqaa keessaatitti haga guyyaa daadhii Woyni'ii haareya unutti ijjumaa deebi'ee daadhii Woyni'ii hin unu» isaaniin jedhe.
MAR 14:26 Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane.
MAR 14:27 Yesuus isaaniin, «Barreeffam Woyyichi, ‹Ani tissee hin dhowa; hoolotille hin xexeeraman›, waan jedhuuf isin martinuu na lakkittanee hin baqattan.
MAR 14:28 Ani ammoo du'aa ka'een duuba isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa» jedhe.
MAR 14:29 Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si lakkisanee yoo baqatanelle ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu!» jedhe.
MAR 14:30 Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugumaan si'iin jedha; halkanuma kana adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedhe.
MAR 14:31 Pheexroos ammoo afaan guutatee «Ani si woliin du'uuf yoo barbaachiselle, ijjumaa si hin mormadhu» jedhe. Isaan martinuu akkasuma jedhane.
MAR 14:32 Yesuusii fi barattooti isaa addee Getesemaanee jedhantu takka dhaqanee, inni isaaniin «Haga Ani daadimadhu asi tee'a'a» jedhe.
MAR 14:33 Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis ifi biratti fuudhee, gaddee laaleffatee,
MAR 14:34 isaaniin, «Ani qixxee du'aatitti guddoo gadde. Isin as tura'a; dammaqa'a» jedhe.
MAR 14:35 Yesuus haga diqqoo irraa hiiqee lafatti jigee, yoo dande'ame yennaan rakkinnaa sun akka isa irra dabartu, «Abbaa kiyya wonni mara si'iif hin dande'ama; muduunuu rakkinnaa kana na irraa dabarsi! Ammoo akka fedha keetii teetuu malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhee daadimate.
MAR 14:37 Achiin duuba inni deebi'ee dhufee, barattooti sadiin sun rafaneeranuun dhaggee, Pheexroosiin, «Simoon rateertaa? Saatuma takkaalle dammaxxee tee'iisaaf hin dandeennee?
MAR 14:38 Akka hin ataabanne, dammaqa'aatii daadimadha'a! Ayyaanni namaa hin halcha; foon ammoo dadhaba'a» jedhe.
MAR 14:39 Inni ammalle achi dhaqee, akkuma angafa jedhe jedhaa daadimate.
MAR 14:40 Yesuus gara barattootaa yennaa deebi'ee dhufe, ilti isaanii waan dunquuqotteertuuf rafaneeranuun dhagge; isaan waan deeffatanulle wollaalane.
MAR 14:41 Inni sadeessoo, yennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Isin ammalle rattanee foorfatiisatti jirtanii? Yoona geette! Saatiin geetteerti! Kunoo, Ilmi namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamaara.
MAR 14:42 Ka'aa, deemnaa! Kunoo ka ana dabarsee kennu dhikaateera» isaaniin jedhe.
MAR 14:43 Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, barattoota isaa kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufee biraan baye. Gumiin shallaaga'aa fi ulee-jirma qabatteertu, sooreyyii hayyootaa, barsiisota Seera Muuse'eetii fi maanguddootaan ta ergante isa woliin dhutte.
MAR 14:44 Yihudaan, «Nami ani sunqadhu ka isin barbaaddanu. Isa qaba'aatii eegaa fuudha'aa deema'a» jedhee isaaniif beessisa kenneera.
MAR 14:45 Yihudaan akkuma achi geyeen, gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a!» jedhee isa sunqate.
MAR 14:46 Maarre isaan Yesuus qabanee hidhane.
MAR 14:47 Worra achi dhaabbataneeranu keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra irraa kute.
MAR 14:48 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akka ani yakkaamessaa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee?
MAR 14:49 Guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessatti barsiisaa isinuma woliin ture; isin na hin qanne. Ammoo Barreeffam Woyyichi wonni jedhu mummowiisaa malte» jedhe.
MAR 14:50 Achiin duuba barattooti martinuu Yesuus lakkisanee baqatane.
MAR 14:51 Dargaggeessi tokko, ka woyaa qoola quncee talba'aa irraa hujante callaa uffateeru isa hordofe. Yennaa isaan isa qabane,
MAR 14:52 inni woyaa itti mulqatee, muxuqatee qullaa dheete.
MAR 14:53 Achiin duuba gara mana hayyicha gudda'aa, addee sooreyyiin hayyootaa, maanguddootii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanu Yesuus geessane.
MAR 14:54 Pheexroos Yesuus irraa fagaatee, haga badhinna dalleya hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, gula deeme. Achitti inni eeddota woliin tee'ee, ibidda qanqaammate.
MAR 14:55 Sooreyyiin hayyootaatii fi korri murti'ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine.
MAR 14:56 Nami hedduun dharaan Yesuus himate; ammoo afaan isaanii tokko hin teene.
MAR 14:57 Achiin duuba nami gariin ol ka'anee, « ‹Ani Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa saditti ka dhibii ka harka namaatiin hin ijaaranne ijaara›, jedhuun dhageenneerra» jedhanee dharaan itti dhugaa bayane.
MAR 14:59 Ammoo teetuu malee wonni isaan jedhane afaan tokko hin teene.
MAR 14:60 Hayyichi guddaan kora murti'ii duratti ol ka'ee, Yesuusiin, «Waan isaan si himatane kanaaf ati deebii hin qadduu?» jedhee gaafate.
MAR 14:61 Inni cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammalle hayyichi guddaan isaan, «Masiihiin, Ilmi Waaqa ulfaata'aa si'ii?» jedhee gaafate.
MAR 14:62 Yesuus, «Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande'u tee'ee ol-gubba'aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan» jedhe.
MAR 14:63 Hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Dhugaa dhibii maaf barbaanna?
MAR 14:64 Inni Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Murtiin teessan maan ree?» jedhe. Isaan martinuu afaan tokko te'anee, ijjeefamu'uu male jedhanee itti murane.
MAR 14:65 Namooti gariin Yesuusitti tufanee, ila isaalle hidhanee, «Eentu si dhowe? Me raagii himi» jedhaa tuntummu'uun isa dhowane. Worri eegulle fuudhee isa kakkabale.
MAR 14:66 Pheexroos ammalle badhinna dalleyaa keessa adoo jiruu, durroota hayyicha gudda'aaf tajaajiltu keessaa takkaan dhuttee biraan baate.
MAR 14:67 Isiin Pheexroos ibidda qanqaammatuun yennaa dhaggite, isa hubattee ilaaltee, «Atille Yesuusii biyya Naaziretii woliin jirtaayyu» jetteen.
MAR 14:68 Inni ammoo, «Waawwo'o! Wonni ati dubbatiisatti jirtu kun naaf hin galu» jedhee mormate. Achiin duuba akkuma inni gara hulaa karraa bayeen lukkuun iyyite.
MAR 14:69 Ammalle durrittiin tajaajiltittiin tuun isa dhaggitee worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun nama isaanii ti!» jette.
MAR 14:70 Pheexroos ammoo ammalle mormate. Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbateeru Pheexroosiin, «Ati nama Galiila'aa waan teeteef, dhugumaan ati nama isaanii ti» jedhane.
MAR 14:71 Inni ammoo, «Namicha isin jettanu kana ani hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e.
MAR 14:72 Yennuma san lukkuun lammeessoo iyyite. Achiin duuba Pheexroos dubbii Yesuus, «Adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» isaan jedhe qaabatee, laallefatee bowe.
MAR 15:1 Barii halkaniin sooreyyiin hayyootaa: maanguddoota, barsiisota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane.
MAR 15:2 Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaa tii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise.
MAR 15:3 Sooreyyiin hayyootaa waan heddu'uun isa himatane.
MAR 15:4 Philaaxoos ammalle, «Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?» jedhee Yesuus gaafate.
MAR 15:5 Yesuus ammoo, ammalle womaa hin deebinne; Philaaxoos waan kana baaseffate.
MAR 15:6 Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba.
MAR 15:7 Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeesanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira.
MAR 15:8 Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte,
MAR 15:9 inni, «Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?» jedhee isaan gaafate.
MAR 15:10 Inni sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera.
MAR 15:11 Sooreyyiin hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane.
MAR 15:12 Philaaxoos ammalle, «Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?» jedhee gumii gaafate.
MAR 15:13 Isaan, «Isa fannisi!» jedhanee hogisane.
MAR 15:14 Philaaxoos, «Maaf akkana jettan? Maan yakke?» jedhee gaafate. Isaan ammoo, «Isa fannisi!» jedhanee guddisanee hogisane.
MAR 15:15 Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.
MAR 15:16 Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane.
MAR 15:17 Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane.
MAR 15:18 Achiin duuba isaan, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa nageya fuudhane.
MAR 15:19 Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiiffatanee, isaa sagadane.
MAR 15:20 Isaan itti taphataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane.
MAR 15:21 Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane.
MAR 15:22 Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee «Buqqii mata'aa» jedhantu geessane.
MAR 15:23 Achitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate.
MAR 15:24 Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane.
MAR 15:25 Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii saatii sad.
MAR 15:26 Beessisi yakkaa inni itti himatamee, «Mooticha Yihudootaa» jedha.
MAR 15:27 Isaan alagaltoota lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [
MAR 15:28 Akka kanaan Barreeffam Woyyichi, «Inni yakkaameyyii woliin laakkowame» jedhu muummowe.]
MAR 15:29 Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, «Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu!
MAR 15:30 Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa Yesuus arrassane.
MAR 15:31 Akkasuma sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, «Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u!
MAR 15:32 Inni Masiihii, Mootii Israa'el yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffanna!» jedhane. Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrassane.
MAR 15:33 Orraa saatii jaan jalqabee, haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte.
MAR 15:34 Saatii sagalitti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf na lakkittee?» jechu'u.
MAR 15:35 Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, «Dhage'aa, inni Eliyaas waamiisatti jira» jedhane.
MAR 15:36 Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, «Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!» jedhe.
MAR 15:37 Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.
MAR 15:38 Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e.
MAR 15:39 Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, «Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhe.
MAR 15:40 Dubartooti gariin fagaatanee ilaaliisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran.
MAR 15:41 Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.
MAR 15:42 Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa,
MAR 15:43 Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootummaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate.
MAR 15:44 Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate.
MAR 15:45 Philaaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reeffa Yoseefiif kenne.
MAR 15:46 Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche.
MAR 15:47 Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane.
MAR 16:1 Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobii, Saloomeelle dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane.
MAR 16:2 Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awwaalaa dhaqane.
MAR 16:3 Isaan kara'atti, «Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?» woliin jedhane.
MAR 16:4 Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane.
MAR 16:5 Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.
MAR 16:6 Inni ammoo, «Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a!
MAR 16:7 Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan› jedha'aa hima'a» isaaniin jedhe.
MAR 16:8 Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa bayanee baqatane. Isaan waan sodaataneeranuuf eennulle'etti womaa hin dubbanne. [
MAR 16:9 Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Maariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate.
MAR 16:10 Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo bowiisatti jiranuu dhaxxee hinte.
MAR 16:11 Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhugeeffanne.
MAR 16:12 Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu akka dhibi'iin itti mudhate.
MAR 16:13 Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne.
MAR 16:14 Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame.
MAR 16:15 Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a.
MAR 16:16 Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama.
MAR 16:17 Worri natti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan;
MAR 16:18 Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya» isaaniin jedhe.
MAR 16:19 Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e.
MAR 16:20 Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]
LUK 1:1 Ulfaataa Tewoofiloos! Marroo waan odduu teennatti te'ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran.
LUK 1:2 Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane.
LUK 1:3 Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee natti mudhatte.
LUK 1:4 Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe.
LUK 1:5 Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiiya'aa keessaa hayyichi Zakaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama.
LUK 1:6 Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane.
LUK 1:7 Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran.
LUK 1:8 Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakaariyaasii waan teeteef, Zakaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate.
LUK 1:9 Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame.
LUK 1:10 Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti.
LUK 1:11 Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakaariyaasitti mudhate.
LUK 1:12 Zakaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate.
LUK 1:13 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta.
LUK 1:14 Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi.
LUK 1:15 Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama.
LUK 1:16 Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa.
LUK 1:17 Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti'iitii fi ijoolle'ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole'eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta'aaf qopheessiisaaf Gootta'aan dura hin ideema» isaan jedhe.
LUK 1:18 Zakaariyaas Erganticha Waaqaatiin, «Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra» jedhe.
LUK 1:19 Ergantichi Waaqaalle, «Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe.
LUK 1:20 Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu» jedhee deebise.
LUK 1:21 Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte.
LUK 1:22 Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne.
LUK 1:23 Yennaan Zakaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale.
LUK 1:24 Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte.
LUK 1:25 Isiin, «Goottaan tana naaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge» jette.
LUK 1:26 Elsaabeex ulfoottee ji'a jayeesso'ootitti Waaqi erganticha Gabri'eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu,
LUK 1:27 gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti.
LUK 1:28 Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!» isi'iin jedhe.
LUK 1:29 Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte.
LUK 1:30 Ergantichi Waaqaa isi'iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera.
LUK 1:31 Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan.
LUK 1:32 Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa.
LUK 1:33 Inni kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.
LUK 1:34 Maariyaam erganticha Waaqaatiin, «Ani durra duuddu'u; tun attam te'iisaa dandeetti?» jette.
LUK 1:35 Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama.
LUK 1:36 Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a jayeesso'oo ti.
LUK 1:37 Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu» jedhe.
LUK 1:38 Maarre Maariyaam, «Ani tajaajiltuu Gootta'aa ti. Akkuma ati jette naaf teetuutii!» jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme.
LUK 1:39 Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe.
LUK 1:40 Isiin mana Zakaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute.
LUK 1:41 Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee,
LUK 1:42 qoonqoo ol qabattee, «Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame!
LUK 1:43 Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka na dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf naa te'e?
LUK 1:44 Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale.
LUK 1:45 Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate» jette.
LUK 1:46 Maariyaam: «Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;
LUK 1:47 ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.
LUK 1:48 Inni garbittii ifii gad aantuu qaabateera. Ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.
LUK 1:49 Waaqi dande'aan waan guddoo naaf godhe. Maqaan isaalle woyyicha.
LUK 1:50 Marartiin isaa worra isa sodaatuuf dhalootaa haga dhalootaa ti.
LUK 1:51 Inni dandeettuu irree ifii mudhisee, worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse.
LUK 1:52 Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.
LUK 1:53 Worra beelowe waan dansa'aan quussee, dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.
LUK 1:54 Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabatee, marartii ifiitiin garbicha ifii Israa'el gargaareera» jette.
LUK 1:56 Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite.
LUK 1:57 Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette.
LUK 1:58 Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane.
LUK 1:59 Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane.
LUK 1:60 Haati isaa ammoo, «Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba» jette.
LUK 1:61 Isaan isi'iin, «Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru» jedhane.
LUK 1:62 Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane.
LUK 1:63 Zakaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane.
LUK 1:64 Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate.
LUK 1:65 Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante.
LUK 1:66 Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, «Mucaan kun maan te'inna laati?» jedhanee yaadatane.
LUK 1:67 Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee,
LUK 1:68 «Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef, Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu!
LUK 1:69 Sanyii Daawitii tajaajilaa ifii irraa, fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera.
LUK 1:70 Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee,
LUK 1:71 diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera.
LUK 1:72 Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi gondooroo woyyittii ifii qaabate.
LUK 1:73 Bara le'ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma'aa fi balchumma'aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale.
LUK 1:76 Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta, karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta.
LUK 1:77 Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun, beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta.
LUK 1:78 Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a. Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa.
LUK 1:79 Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa; miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage.
LUK 1:80 Mucaan guddatee, Ayyaanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e.
LUK 2:1 Yennaa san worri mootummaa worra Rooma'aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugusxoos ajaja baase.
LUK 2:2 Laakkossi kolba'aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya'aa te'eerutti te'e.
LUK 2:3 Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe.
LUK 2:4 Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe.
LUK 2:5 Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe.
LUK 2:6 Adoo isaan Beeteelem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette.
LUK 2:7 Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa keessa irkitte.
LUK 2:8 Dirree adaala biyya saniititti tissitooti halkaniin horii tissaa bulanu jiran.
LUK 2:9 Ergamaan waaqaa dedhuma isaanitti mudhatee, ulfinni Gootta'aalle isaanitti ifee jennaan bararaqane.
LUK 2:10 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe.
LUK 2:11 Adha qachaa Daawitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos.
LUK 2:12 Beessisi isaalle kana: annuu hoccu'uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan» isaaniin jedhe.
LUK 2:13 Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee,
LUK 2:14 «Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti worra inni jaalatuuf nageenni te'u» jedhanee Waaqaa galateeffatane.
LUK 2:15 Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, «Ka'aa me, gara Beeteelemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!» woliin jedhane.
LUK 2:16 Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaami'ii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keessa irkateeruun dhaggane.
LUK 2:17 Tissitooti yennaa isa dhaggane, waan ergamaan Waaqaa marroo daa'ima kanaatiif dubbate isaanitti odeessane.
LUK 2:18 Worri waan kana dhage'ane maraa, waan tissitooti isaanitti odeessane baaseffatane.
LUK 2:19 Maariyaamiin ammoo, waan kana mara gadhaa ifii keessatti qabattee itti yaadatte.
LUK 2:20 Tissitooti akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime teeteertuun waan dhage'anee fi dhagganne maraaf, Waaqa galateessaa leellisaa deebi'ane.
LUK 2:21 Guyyaan saddeetesso'oo dabareeruun, mucaa haqanqabaa qabiis yennaa geye, akkuma haati isaa adoo hin ulfooyin duratti ergamaan Waaqaa maqaa isaa baase «Yesuus» jedhane.
LUK 2:22 Akka Seerri Muuse'ee ajajutti, yennaan qulqulloomiisaa geennaan, Maariyaami'ii fi Yoseef daa'ima Goottaa duratti dhiyeessiisaaf gara Yerusaalemii geessane.
LUK 2:23 Seera Gootta'aa keessatti, «Ilmi angafichi maraa Gootta'aaf kennamee ka woyyoome te'a» jedhantee barreeffanteerti.
LUK 2:24 Isaan akka seerri Gootta'aa jedhutti, saphaliisa lamaan yookiin maddoo lamaan woreega dhiyeessiisaaf dhaqane.
LUK 2:25 Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira.
LUK 2:26 Masiihii Gootta'aa adoo hin dhaggin akka inni hin duune Ayyaanni Woyyichi itti mudhise.
LUK 2:27 Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetitti waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime.
LUK 2:28 Simoon daa'ima fuudhee habbaarratee,
LUK 2:29 «Amma, Goottaa, addii kennite guutteerta, ana tajaajilaa keetille nageyaan addee dhuga'aa geessi.
LUK 2:30 Fayyisiisa keeti ka ati fuula kolbaa maraa duratti qopheessite, ilti tiyya dhaggiteerti.
LUK 2:32 Ifi worra Yihudoota hin te'initti mudhisu kun, kolbaa teeti Israa'eliifille ulfinna hin fida» jedhee Waaqa galateeffate.
LUK 2:33 Abbaa fi haati Yesuusii waan Simoon marroo daa'imaatii dubbate baaseffatane.
LUK 2:34 Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, «Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee,
LUK 2:35 yaada isaanii ka dhossa'aa ifatti hin baasa. Gaddi akka shallaagaa qaramee gadhaa keeti hin woraana» jedhe.
LUK 2:36 Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e.
LUK 2:37 Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte.
LUK 2:38 Haannaan yennuma san dhuttee Waaqa galateeffattee, marroo daa'imaa worra bilisa bayiisa Yerusaalemii eegatu maratti dubbatte.
LUK 2:39 Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane.
LUK 2:40 Daa'inni guddatee jabaate; qarummaalle'een ka guutame te'e; badhaadhi Waaqaalle isa irra jira.
LUK 2:41 Abba'aa fi haati Yesuusii wogguma wogga'aan guyyaa Jila Irra Dabaramaa gara Yerusaalemii dhaqan.
LUK 2:42 Yennaa Yesuus woggaa kudhanii lama guute, akkuma baratametti isaan gara jilaa dhaqane.
LUK 2:43 Yennaa jilti hobbaate, gara manaa deebi'iisaaf ka'ane; Yesuus ammoo Yerusaalemitti hafe. Abba'aa fi haati isaa waan kana hin beenne.
LUK 2:44 Waan inni worra woliin jiranu woliin jiru seyanee, guyyaa guutuu ideemaneen duuba firootaa fi jaalota ifii bira iyyaafatiisaaf ka'ane.
LUK 2:45 Isaan yennaa isa dhabane, barbaadiisaaf gara Yerusaalemii deebi'ane.
LUK 2:46 Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane.
LUK 2:47 Worri isa dhage'ane maraa beekkuma isaatii fi deebii inni deebise baaseffatane.
LUK 2:48 Abba'aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra» isaan jette.
LUK 2:49 Yesuus deebisee, «Isin maaf na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee'uu male hin beennee?» isaaniin jedhe.
LUK 2:50 Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne.
LUK 2:51 Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte.
LUK 2:52 Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma'aa fi gaaro'oon guddate.
LUK 3:1 Xiberyoos mooticha te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, Phonxoos Philaaxoos bulchaa biyya Yihuda'aa, Heroodis biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Ixuriya'aatii fi Xuraakonixiititti, Lisaaniyaasille biyya Abiliinya'aatitti bulchitoota biyyaa te'ane.
LUK 3:2 Yennaa Haannaasii fi Qayyaaffaan Yihudootaaf hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, Yohaannisiin ilmi Zakaariyaasii goomolee keessa jiruun dubbiin Waaqaa itti dhutte.
LUK 3:3 Yohaannis adaala biyya Yordaanosii duudii keessa ideemee, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii cuuphama'a; Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhee lallabe.
LUK 3:4 Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, «Nami tokko goomolee keessatti, ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!
LUK 3:5 «‹Baleen martinuu guutantuu ti, koobii fi gaarri martinuu diriiruu ti. Karaan daddabaan qajeelee, daandiin kattattaan wol qixxoottuu ti.
LUK 3:6 Nami duudiin fayyisiisa Waaqaa hin dhagga› » jedhee barreesseera.
LUK 3:7 Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?
LUK 3:8 Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.
LUK 3:9 Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera. Muki midhaan dansaa hin buunne maraa muramee ibiddatti hin gatama» jedhe.
LUK 3:10 Jennaan kolbaan, «Yoona nuuti maan tolchinu ree?» jettee Yohaannis gaafatte
LUK 3:11 Inni deebisee, «Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle worra hin qanne woliin qoodamuu ti» jedhe.
LUK 3:12 Worri qaraxa guuranu cuuphamiisaaf dhufanee, «Barsiisa'a, nuuti maan tolchinu?» jedhanee isa gaafatane.
LUK 3:13 Yohaannis isaaniin, «Ka seeraan murame caalchittanee hin guurina'a» jedhe
LUK 3:14 Loltooti gariin, «Nuuti hore? Maan goona?» jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, «Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keessan isiniif gewuu ti» jedhe.
LUK 3:15 Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, «Yohaannis Masiihii te'innaa?» jettee mante.
LUK 3:16 Yohaannis, «Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka na caalu ammoo na duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha.
LUK 3:17 Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba» jedhe.
LUK 3:18 Yohaannis karaa adda addaa heddu'uun gorsa isaaniif kennaa, Oduu Gammadaa isaanitti lallabe.
LUK 3:19 Heroodisiin bulchaan, Heroodiyaas niitii obboleessa ifii fuudhee, waan badduu hedduu dhibiille waan hujeeruuf Yohaannis isa xixe.
LUK 3:20 Heroodis waan badduu ittuma dabalee, Yohaannis mana hidha'aatitti galche.
LUK 3:21 Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee,
LUK 3:22 Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya jaalatama'a. Ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.
LUK 3:23 Yesuus yennaa hujii jalqabu, dhalatee gara woggaa soddomaa ti. Kolbaan, ilma Yoseefii Eli'ii isa seete.
LUK 3:24 Eliin ka Maataa'aa, Maataan ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Malki'ii, Malkiin ka Yaanaayii, Yaanaayii ka Yoseefii,
LUK 3:25 Yoseef ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Amosii, Amos ka Naahomii, Naahom ka Eslii, Esliin ka Naagee,
LUK 3:26 Naageen ka Maa'aatii, Maa'aat ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Seeme'ii, Seeme'i ka Yoose'ee, Yooseen ka Yooda'aa,
LUK 3:27 Yoodaan ka Yo'anaanii, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabelii, Zarubaabel ka Salaati'elii, Salaati'el ka Neerii
LUK 3:28 Neeri ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosaamii, Qosaam ka Elmaadaamii, Elmaadaam ka Eerii,
LUK 3:29 Eer ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaarii, Elii'ezaar ka Yoraamii, Yoraam ka Maataatii, Maataat ka Lewwii,
LUK 3:30 Lewwiin ka Simi'oonii, Simi'oon ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yoseefii, Yoseef ka Yoonaamii, Yoonaam ka Eliyaaqimii,
LUK 3:31 Eliyaaqim ka Meleyaa, Meleyaan ka Maayinaanii, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataanii, Naataan ka Daawitii,
LUK 3:32 Daawiti ka Iseyii, Isey ka Yoobeedii, Yoobeed ka Bo'azii, Bo'az ka Salmoonii, Salmoon ka Nahasoonii,
LUK 3:33 Nahasoon ka Aminaadaabii, Aminaadaab ka Aaramii, Aaram ka Arnii, Arni ka Hesromii, Hesrom ka Faaresii, Faares ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yaaqoobii,
LUK 3:34 Yaaqoob ka Yisihaqii, Yisihaq ka Abrahaamii, Abrahaam ka Taara'aa, Taaraan ka Naahorii, Naahor ka Seruugii,
LUK 3:35 Seruug ka Raagaawuu, Raagaawu ka Felegii, Feleg ka Ebeerii, Ebeer ka Shala'aa, Shalaan ka Qayinaanii,
LUK 3:36 Qayinaan ka Arfaaksaadii, Arfaaksaad ka Seemii, Seem ka Nohii, Nohi ka Laamekii, Laamek ka Matusaala'aa,
LUK 3:37 Matusaalaan ka Heenokii, Heenoki ka Yaaredii, Yaared ka Mahalalelii, Mahalalel ka Qayinaanii, Qayinaan ka Enoshii,
LUK 3:38 Enoshi ka Sheetii, Sheeti ka Addaamii, Addaam ka Waaqaa ti.
LUK 4:1 Yesuus Ayyaana Woyyichaan guutamee laga Yordaanosiitii yennaa deebi'e, Ayyaanni gara goomole'ee isa geesse.
LUK 4:2 Achitti guyyaa afurtama Seexanaan ataabame. Guyyoota san inni womaa hin nyaanne; tanaaf dhuma guyyoota saniititti inni beelowe.
LUK 4:3 Seexanni isaan, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe.
LUK 4:4 Yesuus deebisee, «Barreeffam woyyichi, ‹Nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhe.
LUK 4:5 Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise.
LUK 4:6 Seexanni Yesuusiin, «Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan naaf kennameeruuf, ani ka jaaladheef kennuu hin dande'a.
LUK 4:7 Maarre yoo naaf sagadde, kun maraa keeti te'a» jedheen.
LUK 4:8 Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi; isa calla'aafille tajaajili!› jedha» jedheen.
LUK 4:9 Achiin duuba Seexanni gara Yerusaalemii isa geessee, guutuu Galma Waaqaa gubba'atti dhaabbachiisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Waaqi ergantoota ifii akka si eeganuuf hin ajaja. Isaanille miila keeti dhakaan akka hin miine harka ifiitiin ol si hin qaban› waan jedhuuf, ati Ilma Waaqaa yoo teete, asi gubba'aa ifi gad darbi» isaan jedhe.
LUK 4:12 Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen.
LUK 4:13 Seexanni karaa maraan isa ataabeen duuba haga yenna'aatiif isa biraa deeme.
LUK 4:14 Achiin duuba Yesuus hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara Galiila'aa deebi'e. Gurri isaa adaala san maratti odeeffame.
LUK 4:15 Inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse.
LUK 4:16 Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e,
LUK 4:17 kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee,
LUK 4:18 «Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira, worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf na muudeera. Worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf, worra ballaa akka dhaggisiisuuf, worra miicame akka baasuuf,
LUK 4:19 woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle akka lassuuf na ergeera» dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge.
LUK 4:20 Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte.
LUK 4:21 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummowe» jedhe.
LUK 4:22 Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, «Inni ilma Yoseefiitii motii?» jedhane.
LUK 4:23 Yesuus isaaniin, «Isin dhugumaan mammaassa, ‹Cidheessa, dursii ifi fayyis!› jedhu natti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan» jedhe.
LUK 4:24 Itti dabaleelle, «Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu.
LUK 4:25 Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti.
LUK 4:26 Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne.
LUK 4:27 Akkasuma bara Elsaa'ii raagichaatitti kolbaan hedduun ta dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibanteertu jirti; ammoo, isaan keessaa Na'amaanii namicha biyya Sooriya'aa malee, nami tokkolle hin fayyine» jedhe.
LUK 4:28 Worri mana waaqonfannaa Yihudootaa keessa jiranu martinuu yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane.
LUK 4:29 Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane.
LUK 4:30 Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme.
LUK 4:31 Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise.
LUK 4:32 Waan inni baalli'iin barsiiseef, isaan martinuu barsiisiisa isaa baaseffatane.
LUK 4:33 Namichi Ayyaana hama'aan qabameeru tokko mana waaqonfannaa Yihudoota keessa jiraayyu. Inni qoonqoo guddo'oon,
LUK 4:34 «Eeyyaa! Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka! Ati Woyyicha Waaqaa ti» jedhee iyye.
LUK 4:35 Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! Keessalle'ee bayi!» jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye.
LUK 4:36 Kolbaan martinuu baaseffatee, «Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli'ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman» wol woliin jette.
LUK 4:37 Gurri Yesuusii adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
LUK 4:38 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane.
LUK 4:39 Maarre Yesuus itti dhikaatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte.
LUK 4:40 Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise.
LUK 4:41 Durriisotille Yesuusiin, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge.
LUK 4:42 Yennaa latti bariite Yesuus achii bayee, gara addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan isa barbaadiisa kaatee, yennaa dhaggite, akka inni isaan lakkisee hin deemne dhooggiisaaf wodhaante.
LUK 4:43 Inni ammoo isaaniin, «Ani Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa qachoota dhibiille'etti lallabu'uu male; ani akka tana hujuuf ergame» jedhe.
LUK 4:44 Maarre inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu keessatti lallabiisa itti fufe.
LUK 5:1 Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage'iisaaf gara isaa wol dadarbite.
LUK 5:2 Inni hoboloota lamaan qarqara abbaaya'aatitti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu.
LUK 5:3 Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise.
LUK 5:4 Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, «Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a» jedhe.
LUK 5:5 Simoonille, «Barsiisa'a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa» jedheen.
LUK 5:6 Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa'iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane.
LUK 5:7 Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane.
LUK 5:8 Simoon Pheexroos waan te'e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, «Goottaa kiyya ani cubbichaa, natti hin dhikaatin!» jedhe.
LUK 5:9 Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane.
LUK 5:10 Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te'ane, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, «Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta» jedhe.
LUK 5:11 Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane.
LUK 5:12 Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa adoo jiruu, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru ka achi jiru tokko, yennaa isa dhagge, Yesuus duratti gad jigee, «Ee Goottaa, yoo fedha keeti te'e na fayyisi» jedhee kadhate.
LUK 5:13 Yesuus harka ifii diriirfatee, isa qabee, «Hin fedha fayyi» jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise.
LUK 5:14 Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee seere.
LUK 5:15 Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte.
LUK 5:16 Inni ammoo yennaa hedduu addee qoommi'ii dhaqaa daadimate.
LUK 5:17 Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiiyyu.
LUK 5:18 Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare'een ba'atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane.
LUK 5:19 Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare'eenuu woliin kolbaa oddu'utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane.
LUK 5:20 Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, «Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
LUK 5:21 Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti, «Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande'a?» jedhaa yaadatane.
LUK 5:22 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan?
LUK 5:23 ‹Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii ideem› jechu'utti kaso'o?
LUK 5:24 Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!» jedhe.
LUK 5:25 Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme.
LUK 5:26 Isaan martinuu akka malee baaseffatanee, guddoo sodaatanee, «Adha baasa guddaa dhaggine!» jedhaa Waaqa galateeffatane.
LUK 5:27 Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen.
LUK 5:28 Lewwiin ol ka'ee, waan mara lakkisee, isa hordofe.
LUK 5:29 Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddoo Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran.
LUK 5:30 Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?» jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane.
LUK 5:31 Yesuus deebisee, «Worra fayyaa hin qanneef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu.
LUK 5:32 Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi'iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
LUK 5:33 Namooti gariin Yesuusiin, «Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan» jedhane.
LUK 5:34 Yesuus deebisee, «Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu!
LUK 5:35 Yennaan waajibichi isaan biraa fudhatamu ammoo hin dhutti. Isaan yennaa san laaman» isaaniin jedhe.
LUK 5:36 Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, «Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu.
LUK 5:37 Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu. Yoo akkana tolche, daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada.
LUK 5:38 Tanaaf daadhiin hin bayiin qalqalluu haareyatti naqamu'uu malte!
LUK 5:39 Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin bayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ta baate woyya› jedha» jedhe.
LUK 6:1 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa mataa qamadi'ii kukkutanee, harkaan sukkuumatanee, nyaatane.
LUK 6:2 Fariisaayoti gariin, «Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?» jedhanee gaafatane.
LUK 6:3 Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiranu yennaa beelowane, waan inni tolche isin hin dubbinnee?
LUK 6:4 Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, ta silaa hayyoota malee nami tokkolle akka hin nyaanne Seerri dhooggu fuudhee nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» jedheen.
LUK 6:5 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ilmi Namaa Goottaa Sanbataa ti» jedhe.
LUK 6:6 Guyyaa Sanbata dhibi'ii Yesuus gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira.
LUK 6:7 Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane.
LUK 6:8 Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, «Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!» jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate.
LUK 6:9 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?» jedhe.
LUK 6:10 Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, «Namichaan harka keeti diriirfadhu» jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye.
LUK 6:11 Isaan akka malee aaranee Yesuus maan akka tolchanu mari'atane.
LUK 6:12 Gaafa tokko Yesuus gara gaaraa ol bayee halkan san duudii Waaqa daadimataa bule.
LUK 6:13 Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.
LUK 6:14 Isaanille, Simoon ka inni Pheexroos jedhee moggaase, Indiryaasii obboleessa Pheexroosii, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos,
LUK 6:15 Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka, «Hinaatticha» jedhamee beekkame,
LUK 6:16 Yihudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihudaa nama biyya keriyootii, ka Yesuus dabarsee kenne fa'a.
LUK 6:17 Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti;
LUK 6:18 isaan isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifiille fayyiisaaf dhufane. Worri ayyaana hama'aan rakkatanelle fayyane.
LUK 6:19 Hunni fayyittu isa irraa bayaa isaan mara waan fayyisiisatti jirtuuf, kolbaan marti harka ifiitiin isa tuqiisaaf wodhaante.
LUK 6:20 Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee, «Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a; mootummaan Waaqaa teessan!
LUK 6:21 Isin worri amma beelottanu gammada'a; hin quuttan! Isin worri amma boottanu gammada'a; hin kollitan!
LUK 6:22 «Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrassitee gurra isin balleessite, gammada'a!
LUK 6:23 Gatii guddoo ol-gubba'atti waan qaddanuuf yennaa wonni kun teete gammadaan burraaqa'a. Abbootiin isaaniille raagota akkasuma tolchite.
LUK 6:24 «Isin worra amma dureeyyi'iif aanne'e; ka isin gewu fudhattaneertan!
LUK 6:25 Isin worra amma quuttaneef aanne'e; hin beelottan! Isin worra amma kolluuf aanne'e; gadditanee hin boottan!
LUK 6:26 «Yennaa kolbaan marti isin saadde isiniif aanne'e; abbootiin isaaniille raagota dharaa akkasuma tolchite.
LUK 6:27 «Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a.
LUK 6:28 Worra isin abaaru eebbisa'a, worra isin yakkulle'eef daadimadha'a!
LUK 6:29 Yoo nami boqoo takkaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; yoo nami kootii teeti fudhate, shaamisiille hin dhooggatin!
LUK 6:30 Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si'iif deebisu hin gaafatin.
LUK 6:31 Waan namooti dhibiin akka isinii godhanuuf barbaaddanu isinille isaaniif godha'a.
LUK 6:32 «Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu worruma isaan jaalatu jaalatan.
LUK 6:33 Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan.
LUK 6:34 Worra akka isinii deebisu addattanu calla'aaf yoo liqeessitane, eebba maan dhaggatan ree? Waan liqeessane san deebi'anee fudhatiisaaf, cubbaaleyyiinuu cubbaaleyyi'iif hin liqeessan.
LUK 6:35 Isin ammoo diinota keessan jaaladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a.
LUK 6:36 Abbaan keessan ka ol-gubba'aa ka namaaf mararu akka te'e, isinille namaaf marara'a.
LUK 6:37 «Namatti hin murina'a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina'a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama'a, Waaqille isiniif hin araarama.
LUK 6:38 Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.
LUK 6:39 Yesuus ittille mammaakee, «Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an.
LUK 6:40 Barataan tokko barsiisaa hin caalu; ammoo nami leenjii guutuu fudhate maraa, akka barsiisaa ifii hin te'a.
LUK 6:41 «Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta? Jigeessa ila teeti keessa jiru ammoo maaf hin hubanne?
LUK 6:42 Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‹Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha› jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta» jedhe.
LUK 6:43 «Muki dansaan midhaan hamaa hin buusu, muki hamaalle midhaan dansaa hin buusu.
LUK 6:44 Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu.
LUK 6:45 Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.
LUK 6:46 «Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‹Goottaa, Goottaa› jedhaa na waantan.
LUK 6:47 Nami gara kiyya dhufu, ka dubbii tiyyalle dhage'ee hujii irra oolchu, eennu akka fakkaatu Ani isinitti mudhisa.
LUK 6:48 Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne.
LUK 6:49 Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute» jedhe.
LUK 7:1 Yesuus waan san mara kolba'aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme.
LUK 7:2 Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du'iisaaf dhikaateeraayyu.
LUK 7:3 Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge.
LUK 7:4 Isaan gara Yesuusii dhufanee, «Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba.
LUK 7:5 Inni kolbaa teenna jaalata, Mana Waaqonfannaa Yihudootaalle nu'uuf ijaareera» jedhaa jabeessanee kadhatane.
LUK 7:6 Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin;
LUK 7:7 maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya.
LUK 7:8 Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe.
LUK 7:9 Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe.
LUK 7:10 Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi'anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane.
LUK 7:11 Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane.
LUK 7:12 Yennaa Yesuus seensuma karra qacha'aa bira geye, namooti reeffa ba'ataneeranu itti dhufane. Nami du'eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirti.
LUK 7:13 Goottaan yennaa isii dhagge, nayeefii, «Hin bowin» jedheen.
LUK 7:14 Itti hiiqeelle raree reeffaan ba'ataneeranu harkaan tuqe. Worri reeffa ba'ateerulle dhaabbate; Yesuus, «Dargaggeessa! Ani si'iin jedha ka'i!» jedhe.
LUK 7:15 Dargaggeessi du'e sun ol ka'ee tee'ee dubbatiisa jalqabe. Achiin duuba Yesuus deebisee haadhaaf isa kenne.
LUK 7:16 Isaan martinuu sodaatanee, «Raagaan guddaan nu'uma keessaa ka'eera; Waaqi kolbaa ifii fayyisu'uuf dhufeera» jedhanee Waaqa galateeffatane.
LUK 7:17 Gurri Yesuusii biyya Yihuda'aa maraa fi adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
LUK 7:18 Barattooti Yohaannisii waan kana mara yennaa isatti himane, Yohaannis barattoota ifii keessaa lamaan waamee,
LUK 7:19 «Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedhee, akka Goottaa gaafatanuuf erge.
LUK 7:20 Worri ergamane yennaa gara Yesuusii dhufane, «Yohaannisiin cuuphaan, ‹Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?› jedhee gara keeti nu ergeera» jedhaneen.
LUK 7:21 Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane.
LUK 7:22 Ergantoota Yohaannisiitille'een, «Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti.
LUK 7:23 Nami mamee anaan hin gufanne ka badhaadhe!» jedhe.
LUK 7:24 Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi'itti dubbatiisa jalqabee: «Maan ilaaliisaaf gara goomole'ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu?
LUK 7:25 Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman.
LUK 7:26 Natti hima'a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga'a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane.
LUK 7:27 Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‹Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si'iin dura erga› jedheera.
LUK 7:28 Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala» jedhe.
LUK 7:29 Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage'ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane.
LUK 7:30 Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha'aatitti cuuphamuu didatane.
LUK 7:31 Yesuus itti dabalee, «Kolbaa bara kanaa tana maaniin wol fakkeessa? Isaan maan fakkaatan?
LUK 7:32 Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‹Suusullee isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne› jedhaa wolitti woccu fakkaatan.
LUK 7:33 Yohaannisiin cuuphaan adoo sagalee hin nyaatin, daadhii woyni'iille hin unin dhufee jennaan, ‹Inni durriisa ifi keessaa qaba› jettane.
LUK 7:34 Ilmi Namaa ammoo, nyaataa unaa dhufee jennaan, ‹Nama kana ilaala'a! Inni gadhitoo, machowaa, jaala worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jettane.
LUK 7:35 Te'uu malee, qaruun Waaqaa worra isii fudhatu maraan dhugaa akka teete mirkanootteerti» jedhe.
LUK 7:36 Fariisaayichi tokko Yesuus akka isa woliin nyaatuuf waamee, Yesuus mana isaa dhaqee nyaatiisaaf tee'e.
LUK 7:37 Qachaa san keessa dubartii cubbaalettii takkatti jira. Maarre isiin akka inni mana Fariisaayichaatitti nyaatiisatti jiru dhageettee, fiqiree duloo albaasaaxarii irraa hojjatante guutuu fiddee,
LUK 7:38 Yesuusiin duuba miila isaa bira dhaabbattee, bowaa imimmaaniin miila isaa jiitte. Achiin duuba rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxoottee, sunqataa fiqiree issite.
LUK 7:39 Fariisaayichi yennaa tana dhagge, «Nami kun dhugumaan raagaa adoo te'ee, dubartiin isa qaqqaddu tun dubartii attamii akka teete hin beekaayyu; akka isiin cubbaaletti'ii hin beekaayyu» jedhee gadhaa ifiititti yaadate.
LUK 7:40 Yesuus isaan, «Simoon, ani waan si'itti himu qaba» jedhee dubbate. Innille «Barsiisa'a, Maan inni? Natti himi!» jedhe.
LUK 7:41 Namicha beesee liqeessu tokko irraa namooti lamaan ka beesee liqeeffataneeranu jiran. Tokkochi mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu liqeeffatee, kuun mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu liqeeffate.
LUK 7:42 Isaan lamaanuu waan deebisanee kaffalanu dhabanee jennaan, inni akkasumaan isaaniif lakkise. Jara lamaan tana keessaa kamitti irra isa jaalata?
LUK 7:43 Simoon deebisee, «Ka liqaan guddaan isaa lakkifametti irra jaalata natti fakkaata» jedhe. Yesuus, «Dhugaa jette» jedheen.
LUK 7:44 Achiin duuba gara dubartitti'ii garagalee, Simooniin, «Dubartii tana dhaggitaa? Yennaa ani mana keeti dhufe ati bisaan miilaa naaf hin kennine. Isiin ammoo imimmaan ifiitiin miila kiyya dhixxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe.
LUK 7:45 Ati sunqattee na hin fudhanne, isiin ammoo haga ani dhufee jalqaddee miila kiyya sunqatiisa hin lakkinne.
LUK 7:46 Ati mataa kiyya zayitii hin issine, isiin ammoo fiqiree gatii guddo'oo miila kiyya issite.
LUK 7:47 Maarre, ani si'iin jedha, jaalalli guddaan isiin mudhitte kun, cubbuu isi'ii heddu'uuf araarri akka kenname mirkaneessa. Nami araarri diqqaan kennameef ammoo, jaalala diqqaa callaa mudhisa» jedhe.
LUK 7:48 Achiin duuba Yesuus dubartitti'iin «Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
LUK 7:49 Worri dhibiin ka isa woliin nyaatiisatti jiranu gariin, «Ka araara cubbu'uu kennu kun, eennu inni?» wol woliin jedhane.
LUK 7:50 Yesuus ammoo dubartitti'iin, «Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.
LUK 8:1 Kanaan duuba adoo hin turin, Yesuus Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lassaa lallabaa qachootaa fi olloota keessa ideeme. Barattooti isaa kudhanii lamaanii,
LUK 8:2 fi dubartooti gariin ta ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyanelle isa woliin jiraniiyyu. Isaan san keessalle'ee Maariyaamii Magdalaa ta jedhantu, ta durriisoti torba keessaa baafame,
LUK 8:3 Yo'anaa niitii Kuuzaa mana Heroodisii toowatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane.
LUK 8:4 Yennaa gumiin hedduun qachaa adda addaatii Yesuus biratti wolitti qabante, inni itti mammaakee:
LUK 8:5 «Namichi tokko sanyii facaasiisaaf baye. Adoo inni facaasuu sanyiin gariin irga kara'aa buutee, irra ijjatante; sinbirrootille qocattee nyaate.
LUK 8:6 Sanyiin dhibiin lafa dhakittii irra buutee, yennaa mudhiisa jalqadde, biyyeen jiidha waan hin qanneef godde.
LUK 8:7 Sanyiin dhibiin qoree keessa buutee, qoreen woliin guddattee huute.
LUK 8:8 Sanyiin gariin biyyee dansaa keessa buute; lattee guddattee, tokkoon tokkoon isi'ii midhaan dachaa dhibba buutte» jedhe. Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!» jedhe.
LUK 8:9 Barattooti Yesuusii hiikkaa mammaassa kanaa isa gaafatane.
LUK 8:10 Inni deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti; worra kaaniif ammoo adoo ilaalanuu akka hin dhaggine, adoo dhagganuu akka hin hubanne, mammaassaan kennanti.
LUK 8:11 «Hiikkaan mammaassaa kunoo kana: Sanyiin dubbii Waaqaa ti.
LUK 8:12 Sanyiin karaa irga buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee, durriisi ammoo dhufee akka isaan dhugeeffatanee ittiin hin fayyine, dubbii san gadhaa isaanii keessaa fudhatu.
LUK 8:13 Sanyiin lafa dhakittii irra buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee gammadaan fudhatu. Ammoo hidda waan hin qanneef, yennaa qofaaf dhugeeffatan; yennaan haga ilaalichaa yoo dhutte ammoo hin jigan.
LUK 8:14 Sanyiin qoree keessa buute, worra dhage'u; akkuma bulanee oolanuun ammoo yaaddoon, karraa fi gammachuun jiruu lafa tanaa isaan huutee, midhaan isaanii ijjumaa hin sibu.
LUK 8:15 Sanyiin biyyee dansaa keessa buute, worra dubbii dhage'ee gadhaa qajeela'aa fi dansa'aan jabeessee qabatee, ciniinnatee ossiisaan midhaan buusu.
LUK 8:16 «Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya.
LUK 8:17 «Wonni dhokate ka hin mudhanne hin jiru, wonni buqame ka hin beekkannee fi gara ifaa hin baane hin jiru.
LUK 8:18 Tanaaf akka itti dhageettanu ifi eeggadha'a! Ka qabuuf ede'antee kennanti, ka hin qanne ammoo wonni inni hin qaba jedhee yaadatu diqqoon sunuu irraa fudhatanti» jedhe.
LUK 8:19 Haatii fi obboleeyyan Yesuusii gara isaa dhufane; ammoo sababa gumi'iitiif isa bira geyiisa hin dadeenne.
LUK 8:20 Nami tokko Yesuusiin, «Haati teetii fi obboleeyyan teeti si dhaggiisaaf barbaadanee ala dhaabbatan» jedhe.
LUK 8:21 Yesuus ammoo deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra dubbii Waaqaa dhage'ee hujii irra oolchu» isaaniin jedhe.
LUK 8:22 Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, «Ka'aa gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka'ane.
LUK 8:23 Adoo isaan hobolo'oon bu'iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya'aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu'ane.
LUK 8:24 Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!» jedhaneen. Inni dammaqee bubbe'ee fi danbalii xixe; bubbe'ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te'e.
LUK 8:25 Achiin duuba inni barattootaan, «Dhugeeffannaan teessan meet?» jedheen. Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, «Nami kun eennu? Inni bubbe'ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!» jedhane.
LUK 8:26 Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa hobolo'oon bu'ane.
LUK 8:27 Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu'een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le'u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le'a.
LUK 8:28 Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe.
LUK 8:29 Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture.
LUK 8:30 Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafannaan, durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, «Maqaan kiyya duula» jedhe.
LUK 8:31 Durriisoti gara bowwaa qile'ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane.
LUK 8:32 Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame.
LUK 8:33 Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
LUK 8:34 Worri booyyee tissanu yennaa waan te'e kana dhaggane, baqatanee worra qacha'aatii fi biyya saniititti odeessane.
LUK 8:35 Kolbaan waan te'e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee'eeruun dhaggite martinuu sodaatte.
LUK 8:36 Namichi attam akka itti fayye worri dhaggane kolba'atti himane.
LUK 8:37 Achiin duuba kolbaan biyya Gergeesa'aa martinuu akka malee waan sodaatteef, Yesuus akka isaan lakkisee deemuuf gaafatte. Maarre Yesuus hoboloo yaabee achii deeme.
LUK 8:38 Namichi durriisoti keessaa bayane, «Si woliin deemuu?» jedhee Yesuus kadhate. Yesuus ammoo,
LUK 8:39 «Gara mana keetii deebi'ii, waan Waaqi si'iif godhe himi» jedhee isa erge. Namichi waan guddoo Yesuus isaaf godhe himaa, qachaa keessa deeme.
LUK 8:40 Yennaa Yesuus gara abbaaya'aan gamaa deebi'e, isaan martinuu waan isa eegiisatti jiranuuf, kolbaan isa fudhatte.
LUK 8:41 Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqonfannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate.
LUK 8:42 Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du'iisa geetteertiiyyu. Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte.
LUK 8:43 Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi'itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu'uuf hin dandeenne.
LUK 8:44 Isiin duuba Yesuusiitiin dhuttee handaara woyaa isaa tuxxee, dhiigi isi'ii ka jigu yoosuma dhaabbate.
LUK 8:45 Yesuus, «Ka ana tuqe eennu?» jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, «Barsiisa'a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti» jedhe.
LUK 8:46 Yesuus ammoo, «Hunni fayyittu na keessaa akka baate ani waan beekuuf, nami tokko na tuqeera» jedhe.
LUK 8:47 Dubartittiin akka dhokattee hafaa hin jirre dhaggitee, rorommaa dhuttee miila Yesuusiititti jidde. Achiin duuba maaf akka isa tuxxee fi yoosuma attam akka fayyite kolbaa duratti itti hinte.
LUK 8:48 Yesuus isi'iin, «Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.
LUK 8:49 Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin» jedhe.
LUK 8:50 Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage'e Yaayiroosiin, «Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti» jedhe.
LUK 8:51 Yesuus mana Yaayiroosii bira yennaa geye, Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, abba'aa fi haadha intalaa malee eennulle isa woliin akka seenuuf hin eeyyanne.
LUK 8:52 Namooti achi jiranu martinuu intalaaf bowanee wiiccifatane. Yesuus ammoo, «Hin bowina'a; intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» jedhe.
LUK 8:53 Isaan akka intalti duuteertu waan beekanuuf, marti isaaniituu itti kollane.
LUK 8:54 Yesuus ammoo harka isi'ii qabee, «Intala, ka'i!» jedhee waame.
LUK 8:55 Lubbuun isi'ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi'iif kennanu isaan ajaje.
LUK 8:56 Worri isi'ii maalalfatane; Yesuus ammoo waan te'e kana eennulle'etti akka hin hinne isaan ajaje.
LUK 9:1 Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne.
LUK 9:2 Achiin duuba mootummaa Waaqaa akka lallabanuu fi worra dhibamaa akka fayyisanu erge.
LUK 9:3 Inni isaaniin, «Ideemiisa kara'aatiif womaa hin qabatina'a: ulee yookiin korojoo, galaa yookiin beesee, woyaa uffattane malee ta dhibii hin qabatina'a.
LUK 9:4 Mana seentanu maratti, qachaa sanii baatanee haga deentanutti achuma tura'a.
LUK 9:5 Yoo kolbaan isin fudhatiisa dhadde, akka beessisa isaanitti teetu bukuu miila keessanii hargufadha'aatii qachaa sanii deema'a» jedhe.
LUK 9:6 Maarre ergantooti achii bayanee olloota maraa keessa Oduu Gammadaa lallabaa, kolbaa fayyisaa deemane.
LUK 9:7 Kolbaan gariin Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'eera jedhiisatti waan jirtuuf, bulchaan Galiila'aa Heroodis, waan te'iisatti jiru mara dhage'ee, guddoo mame.
LUK 9:8 Worri dhibiin Eliyaas mudhateera, worri dhibiille raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera jedhane.
LUK 9:9 Heroodis, «Ani morma Yohaannisii mureeraayyu; nami ani waan isaa dhage'u kun ammoo eennu inni?» jedhe. Isa dhaggiisaafille barbaade.
LUK 9:10 Ergantooti deebi'anee waan hujane mara Yesuusitti himane. Achiin duuba inni isaan qofa fudhatee, gara qachaa Betsayidaa jedhamuu tokko dhaqe.
LUK 9:11 Kolbaan marroo waan kanaa yennaa dhageette, isa hordotte. Innille isaan fudhatee, marroo mootummaa Waaqaa barsiisee, worra dhibee irraa fayyiisi barbaachiselle fayyise.
LUK 9:12 Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, «Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla'aa fi oorruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli'ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi» jedhane.
LUK 9:13 Yesuus ammoo, «Isinuu waan isaan nyaatanu kenna'aaf» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Yoo dhandhee sagalee kolbaa tana duudi'iif geettu binne malee, nuuti daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa qanna» jedhane.
LUK 9:14 Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu. Yesuus barattoota ifiitiin, «Akka namooti cinna shantama shantamaan tee'anu tolcha'a» jedhe.
LUK 9:15 Barattooti akkuma inni jedhe nama maraa teessisane.
LUK 9:16 Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattootatti kekenne.
LUK 9:17 Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane.
LUK 9:18 Gaafa tokko yennaa Yesuus qofii ifii daadimatiisatti jiru, barattooti isaa gara isaa dhufane. Inni, «Namooti eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate.
LUK 9:19 Isaanille, «Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; worri dhibiin raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera si'iin jedhan» jedhanee deebisane.
LUK 9:20 Yesuus, «Isin hoo eennu anaan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii Waaqaa ti» jedheen.
LUK 9:21 Achiin duuba Yesuus waan kana eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan ajaje.
LUK 9:22 Inni itti dabalee, «Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddoo rakkata, hin ijjeefama, guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a» jedhee isaanitti hime.
LUK 9:23 Achiin duuba isaan maraan, «Nami na hordofiisaa barbaadu yoo jiraate, ifi mormatuu ti, guyyuma guyya'aan fannoo ifii ba'atee, na hordofuu ti.
LUK 9:24 Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin balleessa, ammoo yoo naaf jedhee jiruu ifii balleesse jiruu ifii hin fayyifata.
LUK 9:25 Nami biyya lafaa duudii qabaatee jiruu ifii yoo balleesse yookiin dhidhise maan isaa baati?
LUK 9:26 Nama anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatu, Ilmi Namaa ulfinna ifii, ulfinna abbaa ifiitii fi ergantoota woyyootaatiin yennaa dhufu itti hin fokkifata.
LUK 9:27 Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du'in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran» jedhe.
LUK 9:28 Yesuus waan kana dubbatee, gara guyyaa saddeetiitiin duuba Pheexroos, Yohaannisii fi Yaaqoob fudhatee daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye.
LUK 9:29 Adoo inni daadimatiisatti jiruu bifi fuula isaa jijjiiramee woyaan isaalle adii calalaxxu teete.
LUK 9:30 Dedhuma namooti lamaan Muuse'ee fi Eliyaas isa woliin dubbatiisatti jiranuun dhaggane.
LUK 9:31 Isaan ulfinna ol-gubba'aatiin mudhatanee marroo waan Yesuus du'iisaan Yerusaalemitti muummessu'uu jiruu dubbatiisatti jiraniiyyu.
LUK 9:32 Pheexroosii fi worri isa woliin jiranu dunquuqquu hirriiba irra jiran; yennaa dammaqane ammoo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan ka isa woliin dhaabbatiisatti jiranu dhaggane.
LUK 9:33 Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa'a; gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra» jedhe; Pheexroos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne.
LUK 9:34 Adoo inni dubbatiisatti jiruu, duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle; barattootille duumensa keessa yennaa seenane sodaatane.
LUK 9:35 Duumensa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka ani filadhe; isa dhage'aa!» qoonqoon jettu dhage'ante.
LUK 9:36 Qoonqoon dhage'anteen duuba, Yesuus qofi jiruun dhaggane. Barattootille cadhisane malee, waan yennaa san dhaggane mara nama tokkolle'etti hin hinne.
LUK 9:37 Guyyaa itti aanu Yesuusii fi barattooti isaa sadiin yennaa gaara irraa gad bu'anu, gumiin guddoon Yesuusiin wol dhaggite.
LUK 9:38 Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo'oon, «Barsiisa'a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha.
LUK 9:39 Ayyaanni hamaan dedhuma itti ka'aa iyyisiisa, lafatti isa dhowee wixirachiisee, afaan isa hoomacheessa; miidhaa tureen duuba farra jaddu'uun gad lakkisa.
LUK 9:40 Ani akka barattooti teeti baasanuuf kadhadhe; isaan ammoo hin dandeenne» jedhe.
LUK 9:41 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota dhugeeffannaa hin qannee fi jalliyyee kana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Me mucaa keeti as fidi» jedhe.
LUK 9:42 Adoo mucaan gara Yesuusii dhufiisatti jiruu, ayyaanni hamaan lafatti isa dhowee wixirachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa san xixee, mucaa fayyisee, abbaa isaatiif deebisee kenne.
LUK 9:43 Kolbaan marti guddinna hunna Waaqaa baaseffatte. Kolbaan martinuu waan Yesuus hojjate maraa adoo maalalfattuu, inni barattoota ifiitiin,
LUK 9:44 «Dubbii ani isinitti himu tana gurratti fudhadha'a! Ilmi namaa dabarfamee harka ilmaan namootaatitti hin kennama» jedhe.
LUK 9:45 Barattooti ammoo dubbii tana hin hubanne. Hiikkaan isaan duraa waan dhokatteertuuf hubatuu hin dandeenne; dubbii tana isa gaafatiisalle sodaatane.
LUK 9:46 Barattoota oddu'utti isaan keessaa ka caalu eennu akka te'e wol mormiin kaate.
LUK 9:47 Yesuus yaada isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee, cinaa ifii dhaabbachiisee,
LUK 9:48 isaaniin, «Daa'ima kana maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata; ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata. Nami isin maraa keessaa gade'ee isin maraa caala» jedhe.
LUK 9:49 Yohaannis deebisee, «Barsiisa'a, namichi tokko maqaa keetiin durriisota baasuun dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, isa dhooggine» Yesuusiin jedhe.
LUK 9:50 Yesuus ammoo, «Ka isiniin hin mormine mara golii teessan waan te'eef, isa hin dhooggina'a!» jedhe.
LUK 9:51 Yennaan Yesuus gara ol-gubba'aa fudhatamu dhikaannaan, gara Yerusaalemii deemiisaaf muratee ka'e.
LUK 9:52 Gara ollaa Samaariya'aa dhaqanee waan mara akka isaaf qopheessanuuf, inni ergantoota ifiin dura erge.
LUK 9:53 Kolbaan ollaa sanii ammoo akka inni gara Yerusaalemii deemiisatti jiru waan beetteef, isa fudhatiisa didde.
LUK 9:54 Barattooti isaa Yaaqoobii fi Yohaannis waan kana yennaa dhaggane, «Gootta'a, ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu hin eeyyantaa?» jedhane.
LUK 9:55 Yesuus ammoo garagalee isaan xixee, [ «Isin ayyaana attamii irraa akka teetane hin beettanu; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisiisaaf malee balleessiisaaf hin dhunne»] jedhe.
LUK 9:56 Achiin duuba isaan gara ollaa dhibi'ii ka'anee deemane.
LUK 9:57 Adoo isaan karaa ideemiisatti jiranuu, namichi tokko Yesuusiin, «Addee ati dhaxxu mara ani si faana dhaqa» jedhe.
LUK 9:58 Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedhe.
LUK 9:59 Nama dhibi'iin, «Na hordofi» jedhe. Nami sun ammoo, «Goottaa, dursee dhaqee abbaa kiyya awwaaladha naa eeyyam» jedhe.
LUK 9:60 Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti. Ati ammoo dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi» jedhe.
LUK 9:61 Achiin duuba ammalle nami dhibiin, «Gootta'a, ani si hordofa; ammoo dursee dhaqee maatii tiyyaatii nageya akka dhaamuuf naa eeyyami» jedhe.
LUK 9:62 Yesuus isaan, «Nami qottoo harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te'u» jedhe.
LUK 10:1 Kanaan duuba Goottaan nama torbaatamii lamaan dhibii filatee, gara qacha'aa fi addee ifii dhaqu'uuf jiruu mara lamaan lamaaniin ifiin dura erge.
LUK 10:2 Inni isaaniin, «Midhaan haamamu gudda'aa, worri haamu ammoo diqqa'a; abbaan midhaanii worra haamu gara ficha'aa akka erguuf daadimadha'a.
LUK 10:3 Amma beena'a! Kunoo ani akka ilmoolee hoole'ee yayyii odduu isin erga.
LUK 10:4 Korojoo yookiin subba yookiin kophee hin qabatina'a; eennulle nageya fuudhiisaaf kara'atti hin dhaabbatina'a.
LUK 10:5 Mana tokko yennaa seentane duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf te'uu!› jedha'a.
LUK 10:6 Yoo nami nageya jaalatu achi jiraate, nageenni keessan nama saniif te'uu ti; yoo hin jiraanne, nageenni keessan isinii deebi'a.
LUK 10:7 Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof mindaan barbaachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a!
LUK 10:8 Yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatane maraa, waan isiniif kennanu sooradha'a;
LUK 10:9 qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa'a; kolbaa achi jirtulle'een, ‹Mootummaan Waaqaa isinitti dhikaateerti› jedha'a.
LUK 10:10 Ammoo yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatiisa dhabane mara, kara'atti baya'aatii,
LUK 10:11 isaaniin ‹Bukuu qachaa keessanii ka miila keennatti qabattelle ifi irraa hin haxowanna; ammoo mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a!› jedha'a.
LUK 10:12 Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa saniitiin irra worra Sodoomiitiif kaso'o» jedhe.
LUK 10:13 Yesuus ede'ee, «Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu.
LUK 10:14 Guyyaa mura'aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif kasoo teeti.
LUK 10:15 Qifirnaahoom ati haga ol-gubba'aa ifi ol qabuu barbaaddaa? Maarre gara boolla qile'ee gad gatanta.
LUK 10:16 «Ka isin dhage'u na dhage'a; ka isin didu na dida; ka ana didu ka ana erge dida» jedhe.
LUK 10:17 Worri torbaatamii lamaan gammada gudda'aan deebi'anee dhufanee, «Goottaa, yennaa nuuti maqaa keetiin ajajne durriisotille nu'uuf ajajamane» jedhaneen.
LUK 10:18 Yesuus deebisee, «Seexanni akka balaqqeetti'ii ol-gubba'aa bu'uun dhagge.
LUK 10:19 Ani akka isin dhudhuufa'aa fi makka irra ideentanu, hunna diinotaa maralle akka injifattanu baallii isiniif kenneera; womaa isin hin miidhu.
LUK 10:20 Te'uu malee, maqaan keessan ol-gubba'atti waan barreeffameef gammada'a malee, ayyaanni hamaan waan isiniif ajajameef hin gammadina'a» isaaniin jedhe.
LUK 10:21 Yennuma sanitti, Yesuus gammada Ayyaana Woyyichaatiin guutamee, «Abbaa kiyya, Goottaa ol-gubba'aatii fi lafaa! Waan kana worra qaroole'ee fi beettota dhossitee worra wo hin beenneef waan mudhitteef si galateeffadha. Ee, Abbaa, wonni sun akka teetuuf waan ati itti gammadde.
LUK 10:22 «Abbaan kiyya waan mara dabarsee natti kenneera. Abbaa isaa qofattuu beeka malee, ilmi eennu akka te'e ka beeku hin jiru; Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisuu barbaadettuu abbaa beeka malee, abbaan eennu akka te'e ka beeku hin jiru» jedhe.
LUK 10:23 Achiin duuba gara barattoota ifii garagalee qofii isaaniititti, «Ilti waan isin dhaggitanu dhaggitu ta eebbifante.
LUK 10:24 Raagotaa fi moototi hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo akka hin dhaggin yookiin hin dhage'in isinitti hima» jedheen.
LUK 10:25 Beekaan seera Muuse'ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka'ee, «Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?» jedhe.
LUK 10:26 Yesuus deebisee, «Seera Muuse'ee keessatti maanti barreeffameera? Attamitti dubbittee hiitta?» jedhe.
LUK 10:27 Namichille, «Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaaladhu; akkuma ifi jaalattu ollaa keetille jaaladhu» jedhe.
LUK 10:28 Yesuus, «Sirri'itti deebiteerta; yoo tana goote jiruu bara baraa hin dhaggatta» jedhe.
LUK 10:29 Beekkichi Seera Muuse'ee ammoo akka waan nama balchaa te'ee ifi mudhisiisa barbaadee, «Ollaan kiyya kam inni?» jedhee gaafate.
LUK 10:30 Yesuus deebisee, «Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko'oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme.
LUK 10:31 Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare.
LUK 10:32 Nami gosa Lewwi'ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare.
LUK 10:33 Nami Samaariya'aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef.
LUK 10:34 Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyni'ii naqee hidheef; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare.
LUK 10:35 Guyyaa itti aanu dinaara lama fuudhee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi'u, kana caalaalle yoo baatteef, si'iif hin kenna› jedheen» jedhe.
LUK 10:36 Achiin duuba Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu'e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?» jedheen.
LUK 10:37 Beekaan Seera Muuse'ee, «Ka marareef» jedhee deebise. Yesuus isaan, «Atille dhaqii, akkasuma tolchi» jedhe.
LUK 10:38 Yesuus barattoota ifii woliin ideemaatuma gara ollaa tokkoo yennaa dhufe, dubartiin Maartaa jedhantu takka mana ifiititti isa fudhate.
LUK 10:39 Isiin obboleettii Maariyaam jedhantu takka qaddi; Maariyaamiin sun miila Yesuusii jala teettee dubbii isaa caqasiisatti jirtiiyyu.
LUK 10:40 Maartaan ammoo hujiin mana keessaa waan itti heddatteef, gara isaa dhuttee, «Gootta'a, obboleettiin tiyya akka ani callaan hujuuf yennaa isiin qofuu na lakkittu cadhittee ilaalta? Akka isiin dhuttee na gargaartuuf itti himi» jette.
LUK 10:41 Goottaan deebisee «Maarta'a, Maarta'a! Ati waan hedduu yaadaa rakkata,
LUK 10:42 ka barbaachisu ammoo waan tokkocha calla'a. Maariyaamiin waan dansaa filatteerti, isii irralle'ee hin fudhatamu» isi'iin jedhe.
LUK 11:1 Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi» jedhe.
LUK 11:2 Yesuus isaaniin, «Yennaa daadimattanu tana jedha'a: «‹Abbaa keenna, [ka ol-gubbaa jirtu] Maqaan keeti woyyoomu; Mootummaan teeti dhuttu. [Fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete, lafa irralle'etti teetuu.]
LUK 11:3 Sagalee nuu barbaachittu guyyuma guyya'aan nuu kenni.
LUK 11:4 Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu, cubbuu teenna nuu araarami; [hantuu irraa nu eegi malee], ataabe'etti nu hin galchin!› jedha'a» jedhe.
LUK 11:5 Achiin duuba Yesuus ede'ee «Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‹Lansa kiyya, daabboo xaltaa sad naa liqeessi.
LUK 11:6 Lansi kiyya karaa deemaa ammuma tana natti goree waan itti kennu dhabeera› yoo jedheen,
LUK 11:7 lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‹Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u› hin jedhaa?
LUK 11:8 Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna.
LUK 11:9 «Maarre ani isiniin jedha: gaafadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isiniif hin bananti.
LUK 11:10 Ka gaafatu maraa hin fudhata; ka barbaadu maraa hin dhaggata; ka dhodhowu maraaf balbalti hin bananti.
LUK 11:11 Isin keessaa abbaa ka te'e, ilmi isaa [daabboo yoo gaafate dhakaa ka kennuuf eennu?] Qurxummii yoo gaafate dhudhuufaa ka kennuuf eennu?
LUK 11:12 Yookiin yoo inni quuphaa gaafate qaajjibbuu hin kennaafii?
LUK 11:13 Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
LUK 11:14 Yesuus durriisa duudaa tokko baase. Yennaa durriisi baye, namichi dubbatiisa jalqabe; namootille baaseffatane.
LUK 11:15 Namooti gariin ammoo, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.
LUK 11:16 Worri dhibiin Yesuus haga ilaaliisaaf barbaadanee, beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka isaanitti mudhisu gaafatan.
LUK 11:17 Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, «Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama.
LUK 11:18 Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ifi qoode, mootummaan isaa attamiin dhaabbatuu dandeetti? Waan isin anaan, ‹Inni hunna Bi'el Zebuliitiin durriisota baasa› jettaneef tana jedhe.
LUK 11:19 Yoo ani hunna Bi'el Zebuliitiin isaan baase, ijoolleen teessan eennuun baasan? Tanaaf ijoolleen teessanuu isinitti murti.
LUK 11:20 Yoo ani hunna Waaqaatiin durriisota ka baasu te'ee, akka mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteertu beeka'a.
LUK 11:21 «Nami jabaan tokko, meya woraanaa mara hidhatee, mana ifii yennaa eeggatu, qabeenni isaa marti hin eegamaaf.
LUK 11:22 Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda.
LUK 11:23 Eennulle ka golii tiyya hin te'in na morma; eennulle ka na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa.
LUK 11:24 «Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bawu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf, lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a; addee barbaadatee yoo dhagguu dhabe, ‹Mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha.
LUK 11:25 Yennaa deebi'u, manni haxowamee qulqulloweeruun dhagga.
LUK 11:26 Achiin duuba ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a» jedhe.
LUK 11:27 Yesuus adoo tana dubbatiisatti jiruu, gumii keessaa dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote ka badhaadhane» jette.
LUK 11:28 Inni ammoo deebisee, «Worri jecha Waaqaa dhage'ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!» jedhe.
LUK 11:29 Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, «Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf.
LUK 11:30 Raagichi Yoonaas kolbaa Nanawwe'eetiif beessisa akka te'e ilmi namaalle dhaloota adhaa kanaaf beessisa hin te'a.
LUK 11:31 Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira.
LUK 11:32 Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee isinitti hin murti; kolbaan Nanawwe'ee lallaba Yoonaasii dhageettee cubbuu irraa deebiteerti. Kunoo ka Yoonaas caalu as jira.
LUK 11:33 «Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya.
LUK 11:34 Ilti teeti ifa nafa keetii ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaa te'a; ammoo ilti teeti dhukkudduu yoo teete nafi keeti duudiin dukkanowaa te'a.
LUK 11:35 Tanaaf ifi si keessa jiru akka hin dukkanoonne ifi eegadhu.
LUK 11:36 Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a» jedhe.
LUK 11:37 Yesuus yennaa dubbatee ka'e, Fariisaayichi tokko sagalee nyaatiisaaf gara mana ifii isa waame; maarre inni nyaatiisaaf gara mana isaa dhaqee tee'e.
LUK 11:38 Fariisaayichi sun Yesuus adoo harka hin dhiqatin nyaataaf akka tee'e yennaa dhagge maalalfate.
LUK 11:39 Maarre Goottaan isaan, «Isin Fariisaayoti muduunuu itti untanuu fi qorii itti nyaattanu gubbaa qulleessitan, keessi keessan ammoo joljolumma'aa fi hammeennaan guutameera.
LUK 11:40 Gowwoole'e! Waaqi gubbaa dade keessa hin dannee?
LUK 11:41 Ammoo waan muduunu'uu fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kenna'a, wonni duudiille isiniif hin qulqulloonti.
LUK 11:42 «Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle.
LUK 11:43 Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaalattan.
LUK 11:44 Isin irreensa beessisa hin qanne ka namooti adoo hin beekin irra deemanu waan fakkaattanuuf isiniif aanne'e!» jedhe.
LUK 11:45 Beekaan Seera Muuse'ee tokko, «Barsiisaa, ati yennaa tana dubbattu be nu'ulle arrassaarta» jedheen.
LUK 11:46 Yesuus deebisee, «Isin beekkolee Seera Muuse'eetiif aanne'e! Isin ba'aa ulfaattuu dudda kolba'aatitti feetan, ifii ammoo quballe'een hin tuxxanu.
LUK 11:47 Isin raagota abbootiin teessan ijjeetteef irreensa waan ijaartanuuf, isiniif aanne'e!
LUK 11:48 Isin waan abbootiin teessan hujjetti wolii galtane; isaan raagota ijjeesanee, isin irreensa isaanii ijaartanee mirkaneessitane.
LUK 11:49 Marroo tanaaf beekkumsi Waaqaa, ‹Ani raagotaa fi ergantoota isaanitti erga; isaan garii hin ijjeesan kaan hin ari'an› jedha.
LUK 11:50 Maarre haga latti dadanteen jalqabee dhiiga raagota maraa ka jigeef dhalooti kun hin gaafatama.
LUK 11:51 Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaatitti ijjeesanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama.
LUK 11:52 Isin beekkoleen Seera Muuse'ee, furtuu balbala beekkumsaa kolbaa duraa waan fuutaneertanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin seenne, worra seeniisaaf barbaadulle hin dhooggitan» jedhe.
LUK 11:53 Yesuus yennaa achii deeme, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti guddoo moromanee, gaaffii marroo waan heddu'uu isa gaafatanee,
LUK 11:54 dubbii inni dubbatuun isa qabiisaaf gaadane.
LUK 12:1 Yennaa san gumiin kuma heddu'utti laakkowantu haga wol irra i'ijjattutti yennaa wolitti qabante, Yesuus dursee barattoota ifiitiin, «Uukoo worra Fariisaayotaa, jechuun kijiba isaanii irraa ifi eegadha'a.
LUK 12:2 Wonni gollaa jiru maraa hin mudhata, wonni dhossaa jiru maraa hin beekkama.
LUK 12:3 Tanaaf wonni isin dukkana keessatti dubbattane, ifa guyya'aatitti bayee hin dhage'ama, wonni isin diinqa cufamaa keessatti qofuu haasottane guutuu manaa irratti hin lallabama» jedhe.
LUK 12:4 «Jaalota tiyya, ani isinitti hima; worra isin ijjeesee ammoo waan badduu dhibii tana caalaa hujuu hin dandeenne hin sodaatina'a.
LUK 12:5 Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha'a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha'a!
LUK 12:6 «Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti gurgurantii motii? Te'uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu.
LUK 12:7 Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan.
LUK 12:8 «Ani isinitti hima, eennulle nama dhibii duratti ka naaf dhugaa bayu, Ilmi Namaalle ergantoota Waaqaa duratti akkasuma isaaf dhugaa baya.
LUK 12:9 Ammoo nama duratti ka na mormatu, ergantoota Waaqaa duratti hin mormatama.
LUK 12:10 Eennulle Ilma Namaa mormee dubbii ka dubbatu araara hin dhaggata; ammoo eennulle Ayyaana Woyyicha mormee ka faanshessu araara hin dhaggatu.
LUK 12:11 «Yennaa isaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti, bulchitoota fi worra baallii qabu duratti, murti'iif isin geessane, attam akka falmattanu yookiin maan akka dubbattanu hin yaadina'a.
LUK 12:12 Yennuma san Ayyaanni Woyyichi waan isin dubbatu'uuf maltane isin barsiisa» jedhe.
LUK 12:13 Gumii keessaa nami tokko, Yesuusiin, «Barsiisa'a, dhaala abbaa keennaa, akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen.
LUK 12:14 Yesuus deebisee, «Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura'aa yookiin qoodduu dhaalaa te'u eentu na fowe?» jedhe.
LUK 12:15 Itti aansee inni isaan maraanuu, «Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha'a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha'a» jedhe.
LUK 12:16 Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi dureessi ka fichaa midhaan hedduu baase qabu tokko jira.
LUK 12:17 Inni ‹Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?› jedhee yaadate.
LUK 12:18 ‹Akkana godha› ifiin jedhe; ‹Gootaraa kiyya maraa diigee ka dhibii gugurdaa ijaara, achitti midhaan kiyyaa fi meya kiyya ka dhibii maralle galfadha.
LUK 12:19 Achiin duuba ani ifiin, Waan dansaa woggaa heddu'uuf sii barbaachisu mara hin qadda; foorfadhu, nyaadhu, uni, ifi gammachiisi!› jedha.
LUK 12:20 Waaqi ammoo isaan, ‹Ati gowwa'a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?› jedhe.
LUK 12:21 «Nami lafa tana irratti ifiif karra kuufatu, Waaqa duratti ammoo ka dureessa hin te'in akkasuma te'a» jedhe.
LUK 12:22 Yesuus barattoota ifiitiin, «Maarre ani isinitti hima, jireenna keessaniif maan nyaanna yookiin nafa keessanitti maan uffanna jettanee hin yaadina'a.
LUK 12:23 Jireenni nyaata caalaa, nafi woyaa caalaa guddoo barbaachisa'a.
LUK 12:24 Me harraaqessoota ilaala'a: isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee hin galchanu; addee midhaan itti galchanu yookiin gootaraa hin qabanu; Waaqi isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota caaltan!
LUK 12:25 Isin keessaa nami tokko haga fedhe itti yaadee le'ii ifii diqqumalle ka dheereffatuu dande'u eennu?
LUK 12:26 Yoo waan diqqoo akkanaa kanaayyuu dandeettanee hin goone, maaf marroo waan dhibi'iitiif yaaddan ree?
LUK 12:27 Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraarota sanii dansittii hin uffanne.
LUK 12:28 Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
LUK 12:29 «Tanaaf ‹Maan nyaanna? Maan unna?› jedhaa yaadaan hin rakkatina'a.
LUK 12:30 Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.
LUK 12:31 Addee tanaa, mootummaa Waaqaa barbaada'a, tun marti isiniif hin dabalanti.
LUK 12:32 «Gumii diqqo'o, Abbaan keessan mootummaa ifii isinii kenniisaaf waan jaalateeruuf, hin sodaatina'a.
LUK 12:33 Waan qaddanu mara gurgura'aatii beesee worra hiyyeeyyi'iif kenna'a. Subba beese'ee ka hin dulloonne qopheeffadha'aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba'atti maffadha'a.
LUK 12:34 Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata» jedhe.
LUK 12:35 Yesuus itti aansee, «Huji'iif hidhadha'aatii qophowa'a, ifa keessanille iffadha'a!
LUK 12:36 Tajaajiltoota goottaan isaanii jila fuudhaatii deebi'u eegatanu fakkaadha'a. Yennaa inni dhufee balbala dhodhowe, isaan yoosuma hin banan.
LUK 12:37 Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi'u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbifamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera.
LUK 12:38 Halkan wodhakkaa yookiin fuullee bari'ii yoo dhufelle, worri qophowaneeranuun inni dhaggu ka eebbifamane!
LUK 12:39 Ammoo tana beeka'a: abbaan manaa saatii hattuun itti dhuttu adoo beekee, hattuun mana isaa cassitee akka seentuuf hin lakkisu.
LUK 12:40 Ilmi Namaalle saatii isin isa hin eennetti waan dhufuuf, isinille qophowa'aatii eegadha'a!» jedhe.
LUK 12:41 Pheexroos, «Gootta'a, mammaassa kana nu'uuf dubbatta moo yookiin nama maraafuu?» jedhee gaafate.
LUK 12:42 Goottaan deebisee, «Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni maatii isaa sirri'itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree?
LUK 12:43 Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'ee dhufu akkanuma hojjatiisatti jiruun dhaggu sun ka eebbifame!
LUK 12:44 Dhugumaan isiniin jedha, goottaan tajaajilaa san karra ifii mara irratti itti gaafatamaa hin godha.
LUK 12:45 Ammoo tajaajilaan sun, ‹Goottaan kiyya dafee hin dhufu hin tura› jedhee yaadatee, nyaataa unaa, machowaa tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii dhaaniisatti yoo ka'e,
LUK 12:46 goottaan isaa guyyaa inni hin eennee fi saatii inni hin beennetti deebi'ee hin dhufa, isa hin ciccira, qooda isaalle worra hin dhugeeffanne woliin godha.
LUK 12:47 «Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama.
LUK 12:48 Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama wonni guddoon itti kennante irraa waan guddo'otti barbaadama; nama maganneen guddoon itti kennante irraa ka caalu hin barbaadama» jedhe.
LUK 12:49 «Ani ibidda lafatti buusiisaaf dhufe, adoo duruu bobeeffamee jiraate ani attam halchaayyu!
LUK 12:50 Ani cuuphama cuuphamaaru tokko qaba, haga inni muummowutti ani attam rakkadha!
LUK 12:51 Biyya lafaatiif nageya buusiisaaf waan dhufe na seetanii? Waawwoo, gargar bayiisa malee nageyaa moti.
LUK 12:52 Ammaa jalqabanee maatiin mana tokkoo shanan, sadiin lamaaniin wol mormanee lamaan sadiiniin wol mormanee gargar hin bayan.
LUK 12:53 Abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii, haati intala ifii, intaltille haadha ifii, haati sodda'aa niitii ilma isi'ii, niitiin ilma isi'ii haadha sodda'aa woliin mormanee gargar bayan» jedhe.
LUK 12:54 Yesuus kolba'aan, «Isin yennaa duumensi karaa aduun seentuun dhufe, yennuma san bokkeenni roobaara jettan; hin rooballe'e.
LUK 12:55 Yennaa qilleensi gara gadii dhowu dhaggitanu, o'i dhufaara jettan; akkasuma te'a.
LUK 12:56 Isin kijiboole'e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree?
LUK 12:57 «Isin waan dhugaa te'e ifumaa maaf hin murre?
LUK 12:58 Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka'e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara'attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha'aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha'aa si galcha.
LUK 12:59 Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe.
LUK 13:1 Yennaa san namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, marroo worra Galiila'aa ka adoo Waaqaaf woreega woreegiisatti jiranuu, Philaaxoos ijjeesisee dhiiga isaanii woreega isaanii woliin makee itti himane.
LUK 13:2 Yesuus deebisee, «Worri Galiila'aa kun, worra Galiila'aa kaan mara caalaa cubbaaleyyii waan te'aneef akkas rakkatane isinitti fakkaataa?
LUK 13:3 Waawwoo! Ani isinitti hima, isin martinuu yoo cubbuu teessan irraa deebi'uu dhaddane, akkuma isaanii hin baddan.
LUK 13:4 Yookiin worri kudhanii saddeeti ka Siilo'amitti xelleephoon dhaka'aa dheertuun itti jiddee fixxe, worra Yerusaalem keessa le'u mara caalaa yakkaameyyii isinitti fakkaataa?
LUK 13:5 Waawwo'o! Ani isinitti hima; isinille cubbuu teessan irraa yoo deebitane malee, isin martinuu akkuma isaanii hin baddan» isaaniin jedhe.
LUK 13:6 Achiin duuba Yesuus mammaassa kana isaanitti mammaakee, «Namichi fichaa ifii keessatti muka harru'uu dhaabbateeru tokko jira. Inni midhaan isii irraa barbaadatiisaaf dhaqee womaa irraa dhabe.
LUK 13:7 Maarre inni namicha fichaa isaa hujuun, ‹Ilaa, ani muka harru'uu kana irraa midhaan barbaadatiisaaf woggaa sad dhufeera; ammoo haga ammaa womaa irraa hin dhagganne. Isii muri, maaf lafa balleessiti?› jedhe.
LUK 13:8 Namichi sun ammoo deebisee, ‹Gootta'a, me woggaa tanaaf lakkis; jala qotee kosii jalatti naqa.
LUK 13:9 Bara dhufu midhaan yoo buutte dansa'a! Ammoo yoo buusuu dhadde hin murta!› jedheen» jedhe.
LUK 13:10 Yesuus Guyyaa Sanbataa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisiisatti jiraayyu.
LUK 13:11 Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguussiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne.
LUK 13:12 Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, «Dubarti'i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta» jedhe.
LUK 13:13 Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte.
LUK 13:14 Sooressi mana Waaqonfannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba'aan, «Guyyooti huji'ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa'aatii fayyifama'a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti» jedhe.
LUK 13:15 Goottaan deebisee, «Isin kijiboole'e, isin keessaa guyyaa Sanbataatiin qotiyyoo yookiin harree addee hidha'aatii hiikee geessee ka bisaan hin obaanne eennu?
LUK 13:16 Amma dubartiin sanyii Abrahaamii teetu tun, ta woggaa kudhanii saddeeti Seexanaan hidhantee turte, guyyaa Sanbataatiin hiikamu'uu hin mallee ree?» jedheen.
LUK 13:17 Dubbii tana yennaa inni dubbate, worri isa mormu mara qaanowe; kolbaan ammoo kancira inni huje maratti gammadde.
LUK 13:18 Achiin duuba Yesuus «‹Mootummaan Waaqaa maan fakkaatti? Maaniin isii wol fakkeessina?› jedhee gaafate.
LUK 13:19 Isiin akka sanyii sanaafici'ii ta nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti dhaabeen guddattee muka guddaa teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii irratti mana ijaarrattuu fakkaatti» jedhe.
LUK 13:20 Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessa?
LUK 13:21 Isiin akka uukoo dubartiin takka fuutee bullaa guddo'oon mattee, uukoon sun isii mara bukeessituu fakkaatti» jedhe.
LUK 13:22 Yesuus gara Yerusaalemii adoo dhaquu, qachootaa fi olloota keessatti kolbaa barsiisaa dabare.
LUK 13:23 Nami tokko, «Gootta'a, ka fayyu kolbaa diqqo'oo?» jedhee gaafate.
LUK 13:24 Yesuus deebisee, «Balbala dhipho'oon seeniisaaf mixiixxadha'a; ani isinitti hima; namooti hedduun seeniisaaf wodhaanan; ammoo hin dande'anu.
LUK 13:25 Abbaan manaa ka'ee balbala cufeen duuba, isin ala dhaabbatanee balbala dhodhowaa, ‹Goottaa keenna balbala nu'uuf bani!› jettanee hin waantan; inni ammoo deebisee, ‹Isin eessaa akka dhuttane ani hin beeku› isiniin jedha.
LUK 13:26 «Achiin duuba isin deebittanee, ‹Si woliin nyaannee unneerra; karaa keenna irralle'etti barsiitteerta› jettan.
LUK 13:27 Inni ammoo, ‹Eessaa akka isin dhuttane ani hin beeku; isin dabaaleyyiin martinuu ila tiyya duraa deema'a!› jedha.
LUK 13:28 Mootummaa Waaqaa keessatti, Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi raagota mara dhaggitanee, isin alatti yennaa gatantane, achitti bowaa ilkaan qartan.
LUK 13:29 Kolbaan gara aduun baatuu fi aduun seentuun, olii fi gadiin dhuttee mootummaa Waaqaa keessa teettee hin nyaatti.
LUK 13:30 Worri amma duuba jiru, worra duraa hin te'a; worri amma dura jiru worra duubaa hin te'a» jedhe.
LUK 13:31 Yennaa san worra Fariisaayotaa keessaa namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, «Heroodis waan si ijjeesiisaaf barbaaduuf asii deemi, addee dhibii dhaqi!» jedhaneen.
LUK 13:32 Yesuus deebisee, «Dhaqa'aatii jeedala saniin, Ani adhaa fi boru durriisota hin baasa, worra dhibamaalle hin fayyisa, guyyaa sadeesso'ootitti hujii tiyya hin hobbaasa.
LUK 13:33 Te'uu malee, ani adhaa fi boru, ittaanille garuma duraa deemuu male; sababille raagaan tokko Yerusaalem keessatti malee, addee dhibi'itti ijjeefamuu hin malle» isaaniin jedhe.
LUK 13:34 «E! Yerusaalem, Yerusaalem! Ati raagota ka ijjeettu, ergantoota gara keeti ergante ka dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade, isin ammoo didattane.
LUK 13:35 Ilaa, manni keessan ona hin te'a. Ani isinitti hima, ‹Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanutti deebitanee na hin dhaggitanu» jedhe.
LUK 14:1 Guyyaa Sanbataa tokko, Yesuus sagalee nyaatiisaaf, gara mana sooreyyii Fariisaayota keessaa tokkochaa dhaqe; worri achi jiranu isa gaadiisatti jiraniiyyu.
LUK 14:2 Namichi nafi isaa iitoweeru tokko fuula isaa dura jiraayyu.
LUK 14:3 Yesuus, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisuun seeraa moo seera moti?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota gaafate.
LUK 14:4 Isaan ammoo cadhisane. Yesuus namicha qabee fayyisee galche.
LUK 14:5 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin keessaa nami tokko, ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa yoo boolla keessa bu'e, yennuma san guyyaa Sanbataatiin ka hin baanne eennu?» jedhe.
LUK 14:6 Isaan ammoo tanaafille deebii kennuu hin dandeenne.
LUK 14:7 Yesuus keessumooti addee ulfinnaa filattuun yennaa dhagge, itti mammaakee,
LUK 14:8 «Yennaa nami tokko gara jila fuudhaa fi heerumaa si waame, addee ulfinnaa hin tee'in, nami si caalu waamameera fa te'a.
LUK 14:9 Abbaan isin lamaanuu waame sun dhufee, ‹Addee tana namicha kanaaf lakkisi› yoo si'iin jedhe, qaanowaa addee namichaaf lakkittee, addee gadee dhaxxee hin teetta.
LUK 14:10 Ati ammoo yennaa waamante, abbaan si waame sun dhufee, ‹Jaala kiyya, as addee tanatti ol dabar› akka si'iin jedhuuf, dhaqiitii addee gadee tee'i. Yennaa san worra waamame san mara duratti ulfinna hin dhaggatta.
LUK 14:11 Nami ifi guddisu maraa hin diqqaata, nami ifi diqqeessu maraa hin guddata» jedhe.
LUK 14:12 Achiin duuba Yesuus namicha isa keessummeessu'uuf waameen, «Sagalee guyya'aa yookiin sagalee galgalaa yennaa gootu, jaalolee teeti yookiin obboleeyyan teeti yookiin firoottan keeti yookiin dureeyyii ollaa keetii hin waamin; yoo waante, isaanille deebisanee si waamanee, deebittee hin kaffalta.
LUK 14:13 Ati ammoo yennaa jila gootu, worra hiyyeessa, worra naafa, worra hokkola'aa fi worra ballaa waami!
LUK 14:14 Ati hin eebbifanta; isaan waan si'iif deebisanu hin qabanu, Waaqi ammoo guyyaa du'aa ka'a balchoole'eetitti si'iif hin deebisa» jedhe.
LUK 14:15 Keessummoota qori'itti hiiqanee tee'ane keessaa tokkochi, kana yennaa dhage'e Yesuusiin, «Mootummaa Waaqaatitti jilaaf ka tee'u ka badhaadhe!» jedhe.
LUK 14:16 Yesuus isaan, «Namichi tokko jila guddoo godhee keessummoota hedduu waame.
LUK 14:17 Yennaan jilaa yennaa geette, ‹Wonni maraa qophoweera, kowa'a!› jedhee worra waamametti akka himuuf tajaajilaa ifii itti erge.
LUK 14:18 Isaan martinuu ammoo waan itti aalatanu himatiisatti ka'ane. Ka matoomaa, ‹Lafa bitadheera, dhaqee ilaalu'uu male; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen.
LUK 14:19 Kuun, ‹Qotiyyoo ximmaadii shan bitadheera, qotiisaa fi qotiisa dhabuu isaanii ilaaliisaaf kunoo kara'atti bayeera; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen.
LUK 14:20 Ka dhibiin, ‹Ani waajiba waan te'eef, dhaqqabee hin dhufu› jedheen.
LUK 14:21 Maarre tajaajilaan galee goottaa ifiititti waan kana hime. Abbaan jilaa aaree tajaajilaa ifiitiin, ‹Ariifadhuu gara karaa gugurda'aatii fi xurree qachaa keessaa dhaqiitii worra hiyyeessa, worra naafa, worra balla'aa fi worra hokkolaa fidi!› jedhe.
LUK 14:22 Tajaajilaan, ‹Gootta'a, waan ati ajajje maraa muummesseera, ammoo ammalle addeen hin jirti!› jedheen.
LUK 14:23 Maarre goottaan tajaajila'aan, ‹Gara kara'aatii fi xurre'ee dhaqiitii, akka manni kiyya guutuuf kolbaan akka dhuttu tolchi!
LUK 14:24 Ani isinitti hima, worra duraan waamame keessaa tokkolle sagalee tiyya ta galgalaa afaaniin hin qabu!› jedhe» jedheen.
LUK 14:25 Gumiin guddoon adoo isa woliin ideentuu, Yesuus itti garagalee,
LUK 14:26 «Nami gara kiyya dhufu, abba'aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille na caalaa ka jaalatu yoo te'e, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.
LUK 14:27 Fannoo ifii ba'atee ka na hin hordonne, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.
LUK 14:28 «Isin keessaa nami mana dhaka'aa ijaaruu barbaadu, duraan dursee beesee ittiin ijaaree fixu akka qabu beekiisaaf, tee'ee ka gatii hin herrenne eennu?
LUK 14:29 Yoo akkas hin te'in, hundee buusee fixiisa ammoo yoo dadhabe, worri kana dhaggu maraa itti kolla;
LUK 14:30 ‹Ilaa, namichi kun ijaarsa jalqabee fixiisa ammoo dadhabe› jedha.
LUK 14:31 Yookiin mootiin loltoota kuma kudhan qabu, mootii loltoota kuma diddama qabu woliin loliisaaf ka duulu tokko, duraan dursee gad tee'ee ka hin mari'anne kam?
LUK 14:32 Yoo hin dandeenne te'e, mootichi isa loliisaaf ka'e sun adoo fagoo jiruu ergantoota ifii itti ergee nageya buusiisaaf hin gaafata.
LUK 14:33 Akkasuma, eennulle isin keessaa qabeenna ifii mara ka hin lakkinne barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u» jedhe.
LUK 14:34 «Sooddi waan dansa'a, ammoo yoo kuraa ifi keessaa dhabe, attamiin deebi'ee kurowa ree?
LUK 14:35 Lafaaf yookiin kosii tuulantuufille hin te'u; alatti hin gatama. Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!» jedhe.
LUK 15:1 Gaafa tokko worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin dubbii Yesuusii dhage'iisaaf gara isaa dhufane.
LUK 15:2 Fariisaayotaa fi barsiisoti Seeraa ammoo, «Namichi kun cubbaaleyyii hin fudhata, isaan wolille'een nyaata» jedhanee itti gungumane.
LUK 15:3 Tanaaf Yesuus itti mammaakee,
LUK 15:4 «Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu?
LUK 15:5 Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee,
LUK 15:6 gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‹Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› hin jedha.
LUK 15:7 Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi'iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi'e ol gubba'atti gammadi guddaan hin te'a» jedhe.
LUK 15:8 Yesuus itti aansee, «Dubartiin saantii maallaqaa kudhan qaddu takka kudhan san keessaa takkaan yoo badde, ifa issitee, mana ifii hartee haga dhaggitutti miidhassitee hin barbaaddii motii?
LUK 15:9 Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‹Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› isaaniin hin jetti.
LUK 15:10 Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi'u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe.
LUK 15:11 Yesuus itti aansee, «Namichi tokko ilmaan lamaan qaba.
LUK 15:12 Maandhich abba'aan ‹Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu naaf kenni!› jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode.
LUK 15:13 Guyyoota diqqa'aan duuba ilmi maandhich karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme; achitti le'ii badduu le'iisaan karra ifii mara bittinneesse.
LUK 15:14 Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate.
LUK 15:15 Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge.
LUK 15:16 Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine.
LUK 15:17 «Duuba inni gara yaada ifii deebi'ee, ‹Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du'aara.
LUK 15:18 Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan: Ani Waaqaa fi si yakkeera;
LUK 15:19 haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu jedhaan› jedhe.
LUK 15:20 «Maarre inni ka'ee gara abbaa ifii deebi'e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate.
LUK 15:21 «Ilmi isaa ammoo, ‹Abbaa kiyya, ani Waaqaa fi si yakkeera. Haganaa achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle› jedheen.
LUK 15:22 «Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‹Ariifadha'aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida'aatii itti uffisa'a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya'a!
LUK 15:23 Achiin duuba dardara coomaa fida'aatii qala'a, nyaataa jilifanna.
LUK 15:24 Ilmi kiyya kun du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera› jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane.
LUK 15:25 «Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi'ee manatti dhikaate weeddu'uu fi sirba dhage'e.
LUK 15:26 Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, ‹Maanti maan te'e?› jedhee gaafate.
LUK 15:27 Tajaajilaan deebisee, ‹Obboleessa keetittuu deebi'ee gale; waan inni nageyaa fi fayya'aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiise› jedheen.
LUK 15:28 Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate.
LUK 15:29 Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‹Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si'iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re'e'eelle ijjumaa naaf kennitee hin beettu!
LUK 15:30 Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi'ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!› jedhe.
LUK 15:31 Abbaan deebisee, ‹Ilma kiyya, ati yennaa mara na woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti.
LUK 15:32 Obboleessi keeti kun ammoo du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qanna› jedheen» jedhe.
LUK 16:1 Yesuus barattoota ifiitiin, «Namichi dureessi tokko, toowataa mana isaa toowatu qabaayyu. Toowataan kun akka karra isaa balleessaaru dureessichatti himane.
LUK 16:2 Maarre namichi dureessichi toowataa san waamee, ‹Marroo teeti wonni ani dhage'u kun maan? Ati haganaa achi toowataa kiyyaa waan hin teeneef, herrega toowatumma'aan itti hujje natti kenni› jedheen.
LUK 16:3 Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‹Amma goottaan kiyya toowatummaa tana na irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha.
LUK 16:4 Yennaa toowatummaa irraa ari'ame akka namooti gara mana ifii na fudhatanuuf, ani waan godhu hin beeka!› jedhe.
LUK 16:5 Achiin duuba worra liqaa goottaa isaa qabu tokko tokkoon waamee, ka duraatiin, ‹Liqaa goottaa kiyyaa meeqa ifi irraa qadda?› jennaan,
LUK 16:6 namichi deebisee, ‹Zayitii ejersaa okkotee dhibba› jedhe. Maarre toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi›.
LUK 16:7 Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‹Liqaa gootta'aa meeqa qadda?› jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‹Qamadii daawullaa shantama› jedhe. Toowataan, ‹Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi› jedheen.
LUK 16:8 Goottaan, toowataa hin addatanne san mala inni dhowateef jaje. Kun ijoolleen lafa tanaa ijoollee ifaa caalaa worra isaan fakkaatu woliin wolitti dhikeenna qabanuun malaameyyii akka te'ane mudhisa.
LUK 16:9 Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a!
LUK 16:10 «Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu.
LUK 16:11 Yoo isin karra biyya lafaa tanaan hin addatamin, eentu addatee karra dhuga'aa isinitti kenna ree?
LUK 16:12 Isin karra worra dhibi'iitiin yoo hin addatamin, karra isiniif teetu eentu isiniif kenna ree?
LUK 16:13 «Nami tokko garba goottaa lamaa te'iisaaf hin dande'u, tokkocha jibbee, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan hin tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beesee tajaajiliisaaf hin dandeettanu» jedhe.
LUK 16:14 Fariisaayoti worri beesee jaalatanu yennaa waan Yesuus dubbate kana dhage'ane isa ceeggatane.
LUK 16:15 Yesuus ammoo isaaniin, «Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa fakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a.
LUK 16:16 Seerri Muuse'eetii fi kitaaboti raagotaa haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hujaa turane. Haga mootummaan Waaqaa odeeffanteen jalqabee nami martinuu itti galiisaaf jabeennaan wodhaaneera.
LUK 16:17 Ammoo Seera keessaa bixxilleen addee dhidhattu ol-gubba'aa fi latti tartu irra kaso'o.
LUK 16:18 «Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata.
LUK 16:19 «Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo'oo uffataa, guyyaa mara qananumma'aan le'u tokko jira.
LUK 16:20 Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureessichaa dura irkateeraayyu.
LUK 16:21 Inni waan qorii namicha dureessichaa irraa harca'e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti.
LUK 16:22 Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureessichille du'ee awwaalame.
LUK 16:23 Inni qilee keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago'otti Abrahaam dhagge; Alaazarille cinaa isaatitti dhagge.
LUK 16:24 Maarre inni Abrahaamiin, ‹Abbaa kiyya Abrahaam naa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya naaf qabbaneessu maganne'ee naa ergi› jedhee waammate.
LUK 16:25 «Abrahaam deebisee, ‹Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabadhu; Alaazar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta.
LUK 16:26 Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira› jedheen.
LUK 16:27 Namichi dureessichi ammoo, ‹Abrahaam, yoona akka Alaazar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha.
LUK 16:28 Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eeggachiisuu ti› jedhe.
LUK 16:29 «Abrahaam deebisee, ‹Isaan Muuse'ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage'anuu ti› jedhe.
LUK 16:30 Achiin duuba namichi dureessichi, ‹Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du'aa ka'ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi'an› jedhe.
LUK 16:31 Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raagota dhage'uu yoo dhabane, yoo nami tokko du'aa ka'elle hin dhugeeffatanu› jedheen» jedhe.
LUK 17:1 Yesuus barattoota ifiitiin, «Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama gufachiisu saniif aanne'e!
LUK 17:2 Worra didiqqaa kana keessaa tokkocha gufachiisu'uu mannaa, dhakaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee abbaaya'atti adoo gatamee isaaf woyya.
LUK 17:3 Maarre isin ifi eeggadha'a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi; yoo inni yakkaa ifii irraa deebi'e isaaf araaram.
LUK 17:4 Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‹Ani yakkaa irraa deebi'eera› yoo si'iin jedhe isaaf araaram» jedhe.
LUK 17:5 Ergantooti Gootta'aan, «Dhugeeffannaa teenna ede'i» jedhane.
LUK 17:6 Goottaan deebisee, «Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‹Hiddaan buqqa'ii abbaayaa keessatti dhaabami!› yoo jettane, innille isiniif hin ajajama» jedheen.
LUK 17:7 Yesuus, «Isin keessaa nami tokko tajaajilaa qotii qotu yookiin hoolee tissu yoo qabaate, tajaajilaan sun addee huji'iitii yennaa galu, ‹Koy as tee'ii sagalee nyaadhu!› hin jedhanii?
LUK 17:8 Addee tana jedhu, ‹Sagalee naaf qopheessii, haga ani nyaadhee unutti woyaa teeti marxifadhuu naaf ergami! Achiin duuba atille hin nyaata hin unta› hin jedhanii motii?
LUK 17:9 Inni, tajaajilaa kana waan inni isa ajaje waan muummesseef hin galateeffataa?
LUK 17:10 Maarre isinille waan ajajantane maraa yennaa muummessitane, ‹Nuuti tajaajiltoota woy hin baane; nuuti waan tolchu'uu malle callaa tolchine› jedha'a!» isaaniin jedhe.
LUK 17:11 Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya'aatii fi Galiila'aatiin dabare.
LUK 17:12 Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee,
LUK 17:13 qoonqoo guddo'oon, «Yesuus! Gootta'a! Nuu nayi!» jedhaneen.
LUK 17:14 Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa'aatii hayyootatti ifi mudhisa'a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane.
LUK 17:15 Isaan keessaa tokkochi akka fayye yennaa dhagge, qoonqoo guddo'oon Waaqa galateessaa, deebi'ee dhufe.
LUK 17:16 Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya'aa ti.
LUK 17:17 Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meet ree?
LUK 17:18 Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi'e hin jiruu?» jedhee gaafate.
LUK 17:19 Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka'ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe.
LUK 17:20 Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, «Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu.
LUK 17:21 Eennulle, ‹Ilaa, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababille, mootummaan Waaqaa isin keessa jirti» jedhe.
LUK 17:22 Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu.
LUK 17:23 Namooti isiniin, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› hin jedhan. Isin ammoo hin dhaqina'a; faanalle hin fiigina'a!
LUK 17:24 Akkuma balaqqeettiin gubba'aa balaqqittee gara tokkoo haga gara kaaniititti issitu, guyyaa Ilmi Namaa dhufu akkasuma hin te'a.
LUK 17:25 Ammoo kanaan dura, Ilmi Namaa dhaloota kanaan guddoo rakkatu'uu fi jibbamuu qaba.
LUK 17:26 «Bara Nohiititti akkuma te'ee, bara Ilma Namaatittille akkasuma hin te'a.
LUK 17:27 Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse.
LUK 17:28 Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte.
LUK 17:29 Guyyaa Loox Sodoomii baye ammoo, ibiddii fi dhakaan bobe'u ol-gubba'aa roobee isaan maraa fixe.
LUK 17:30 Guyyaa Ilmi Namaa mudhatuttille akkasuma hin te'a.
LUK 17:31 «Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka mey isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in.
LUK 17:32 Haadha manaa ta Looxii qaabadha'a!
LUK 17:33 Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin dhaba; nami jiruu ifii dhabu ammoo jiruu ifii hin fayyifata.
LUK 17:34 Ani isinitti hima, halkan san nami lamaan taqee takkattii irra hin rafa, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa.
LUK 17:35 Dubartiin lamaan woliin daakuu daatti, takkattiin hin fudhatanti, tuun ammoo hin hatti.
LUK 17:36 [Nami lamaan fichaa tokko keessa hin jiraata, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa]» jedhe.
LUK 17:37 Barattooti isaa, «Gootta'a, eessatti?» jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, «Addee reeffi jirutti allaatiin yaati» jedhe.
LUK 18:1 Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhanne barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee:
LUK 18:2 «Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessine tokko qachaa tokko keessa jira.
LUK 18:3 Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‹Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa naaf muri› jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti.
LUK 18:4 Abbaan mura'aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‹Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle,
LUK 18:5 haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa na hin hifachiinne isi'iif hin mura› jedhee ifiin dubbate» jedhe.
LUK 18:6 Goottaan, «Waan abbaan mura'aa jallaamessi sun jedhe dhage'aa!
LUK 18:7 Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan qarqaariisaaf hin hancaaraa?
LUK 18:8 Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?» jedhe.
LUK 18:9 Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee:
LUK 18:10 «Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Fariisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru.
LUK 18:11 Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‹Waaqa, ani akka worra dhibi'ii: saantuu, jallaamessa, gaarayyeeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te'uu dhabeef si galateeffadha.
LUK 18:12 Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle'ee kudhan keessaa tokko si'iif kenna› jedhee daadimate.
LUK 18:13 Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba'aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‹Waaqa, na cubbicha marari!› jedhe.
LUK 18:14 Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata» jedhe.
LUK 18:15 Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa'immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane.
LUK 18:16 Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, «Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a.
LUK 18:17 Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa'imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu» jedhe.
LUK 18:18 Bulchaan Yihudootaa tokko, «Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?» jedhee Yesuus gaafate.
LUK 18:19 Yesuus deebisee, «Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru.
LUK 18:20 Ati ajaja, ‹Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni!› jedhu hin beetta» jedhe.
LUK 18:21 Namichi deebisee, «Kana maraa ijoollumma'aan jalqabee eeggadheera» jedhe.
LUK 18:22 Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, «Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba koyiitii na hordof!» jedhe.
LUK 18:23 Namichi ammoo yennaa tana dhage'e, guddoo dureessa waan te'eef, guddoo gadde.
LUK 18:24 Yesuus akka namichi gadde dhaggee, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam attam rakkisa'a!
LUK 18:25 Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe.
LUK 18:26 Worri kana dhage'e, «Yoona eentu fayyuu dande'a ree?» jedhee gaafate.
LUK 18:27 Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande'ane Waaqaaf hin dande'anti» jedhe.
LUK 18:28 Achiin duuba Pheexroos, «Kunoo, nuuti qe'ee teenna lakkinnee si hordonneerra» jedhe.
LUK 18:29 Yesuus deebisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkise,
LUK 18:30 bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata» isaaniin jedhe.
LUK 18:31 Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, «Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti.
LUK 18:32 Inni harka worra Yihudoota hin te'iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan.
LUK 18:33 Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe.
LUK 18:34 Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.
LUK 18:35 Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu.
LUK 18:36 Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'iisatti jiru gaafate.
LUK 18:37 Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane.
LUK 18:38 Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawitii na marari!» jedhee iyye.
LUK 18:39 Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawitii, na marari!» jedhee iyye.
LUK 18:40 Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate,
LUK 18:41 Yesuus «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe.
LUK 18:42 Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen.
LUK 18:43 Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.
LUK 19:1 Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare.
LUK 19:2 Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa.
LUK 19:3 Yesuus kam akka te'e beekiisaaf barbaadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne.
LUK 19:4 Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi'iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe.
LUK 19:5 Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, «Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i» jedheen.
LUK 19:6 Maarre inni dafee gad bu'ee gammadaan Yesuus fudhate.
LUK 19:7 Worri kana dhagge maraa, «Inni keessummumma'aaf mana cubbichaa dhaqe» jedhee gungume.
LUK 19:8 Zakkewoos ol ka'ee dhaabbatee Gootta'aan, «Gootta'a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeeyyi'iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf» jedhe.
LUK 19:9 Yesuus isaan, «Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera.
LUK 19:10 Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera» jedhe.
LUK 19:11 Adoo isaan tana dhage'iisatti jiranuu, Yesuus Yerusaalemitti waan dhikaateeruuf, sababa kolbaan mootummaan Waaqaa yennuma san waan mudhattu seeteertuuf, itti mammaakee,
LUK 19:12 «Nami ulfinnaa tokko mootii te'ee deebi'iisaaf, biyya fago'oo dhaqe.
LUK 19:13 Inni tajaajiltoota ifii keessaa kudhan waamee, saantimii worqi'ii kudhan itti kennee, ‹Haga ani deebi'utti daddala'aatii bu'aa buusa'a› jedhe.
LUK 19:14 Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‹Namichi kun akka mootii keenna te'u nuuti hin barbaannu› jettee ergantoota isa faana ergite.
LUK 19:15 «Nami ulfinnaa sun mootii te'een duuba deebi'ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu'aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise.
LUK 19:16 Tajaajilaan duraa dhufee, ‹Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati natti kenniteen, saantimii worqi'ii harka kudhan buufadheera› jedheen.
LUK 19:17 Mootichi isaan, ‹Tajaajilaa kiyya dansa'a, dansaa goote! Waan akka malee diqqoo irratti waan addatanteef, ani qachoota gugurdoo kudhan irratti itti gaafatamummaa si'iif hin kenna› jedhe.
LUK 19:18 Tajaajilaan lammeesso'oolle dhufee, ‹Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati natti kenniteen harka shan buufadheera› jedhe.
LUK 19:19 Mootichi isaan, ‹Atille, qachoota gugurdaa shan irratti itti gaafatamaa hin teeta› jedhe.
LUK 19:20 Achiin duuba tajaajilaan dhibiin dhufee, ‹Gootta'a, saantimiin worqi'ii teeti kunoo ti; hoccu'uun maree dhosseera.
LUK 19:21 Ati nama hamaa waan teeteef ani si sodaadhe. Ati waan hin kuufatin fudhata, waan hin facaasinille haammatta› jedhe.
LUK 19:22 Goottaan isaa, isaan, ‹Tajaajilaa hama'a! Waanuma ati dubbatteen sitti mura. Ani nama hamaa akka te'e, waan hin kuufatin ka fudhadhu, waan hin facaasin ka haammadhu akka te'e eega beettee,
LUK 19:23 beesee tiyya worra dhalaan liqeeffatutti maaf hin kennine ree? Silaa yennaa deebi'e, dhala woliin hin fudhadhaayyu› jedhe.
LUK 19:24 Achiin duuba inni worra achi dhaabbateeruun, ‹Saantimii worqi'ii san isa irraa fuudha'aatii tajaajilaa saantimii worqi'ii kudhan qabuuf kenna'a!› jedhe.
LUK 19:25 Isaan ammoo, ‹Gootta'a, inni duruu kudhan qaba!› jedhaneen.
LUK 19:26 Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf itti dabalamee hin kennama; nama hin qanne ammoo ka inni qabuuyyu irraa hin fudhatama.
LUK 19:27 Amma ammoo diinota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii hin teene barbaadane, as fida'aatii ila tiyya duratti gorra'a'a!› jedheen» jedhe.
LUK 19:28 Yesuus tana dubbateen duuba isaaniin dura garuma duraa gara Yerusaalemii ol deeme.
LUK 19:29 Yennaa addee gaara ejersaa jedhantutti, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti dhikaate, barattoota ifii keessaa lamaaniin,
LUK 19:30 «Gara olloota isiniin duraa dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan. Hiika'aatii as fida'a.
LUK 19:31 Eennulle, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta'atti barbaada› jedha'aan» jedhe.
LUK 19:32 Maarre worri ergamane dhaqanee, akkuma Yesuus isaanitti hime teeteen dhaggane.
LUK 19:33 Adoo isaan ilmayyoo harre'ee san hiikiisatti jiranuu, worri harre'ee, «Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?» jedhee isaan gaafate.
LUK 19:34 Isaan deebisanee, «Gootta'atti barbaada» jedhane.
LUK 19:35 Achiin duuba isaan harree san gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii irra buusanee Yesuus irra teessisane.
LUK 19:36 Adoo Yesuus yaabbatee ideemuu, kolbaan woyaa ifii kara'atti atte.
LUK 19:37 Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggite maraaf gammaddee, qoonqoo guddo'oon,
LUK 19:38 «Mootiin maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba'atti nageenni, olii ol-gubba'aatille ulfinni te'u!» jedhaa Waaqa galateeffatte.
LUK 19:39 Gumii san keessaa Fariisaayoti gariin, «Barsiisa'a, barattooti teeti akka cadhisanuuf xixi!» Yesuusiin jedhane.
LUK 19:40 Yesuus ammoo deebisee, «Ani isinitti hima, yoo isaan cadhisane, dhakooti hin iyyan» jedhe.
LUK 19:41 Yesuus itti dhikaatee qachaa Yerusaalemii yennaa dhagge, boweefii,
LUK 19:42 «Adhumalle waan nageya si'ii fidu adoo beettee jiraattaa! Amma ammoo ila teeti duraa dhokateera!
LUK 19:43 Guyyooti diinoti keeti dalleya marsanee sitti ijaaranee, si marsanee, karaa maraan sitti cufanu hin dhufa.
LUK 19:44 Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si'ii fi ijoollee teeti ta dalleya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si'iif hin lakkisanu» jedhe.
LUK 19:45 Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra achitti wo gurguratu alatti yaase.
LUK 19:46 Inni isaaniin, « ‹Manni kiyya mana daadimataa te'a› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane» jedhe.
LUK 19:47 Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Sooreyyiin hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba'aa isa ijjeesiisaaf barbaadane.
LUK 19:48 Te'uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu'uun dubbii isaa dhage'iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne.
LUK 20:1 Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee,
LUK 20:2 «Baallii maaniitiin waan kana goota? Eentu baallii tana si'iif kenne? Nutti himi!» jedhaneen.
LUK 20:3 Inni deebisee, «Anille gaaffii tokko isin gaafadha;
LUK 20:4 cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa moo, nama irraa dhutte? Natti hima'a!» jedhe.
LUK 20:5 Isaan waan kana irratti mari'atanee, « ‹Waaqa irraa› yoo jenne, ‹Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?› nuun jedha.
LUK 20:6 ‹Nama irraa› yoo jenne ammoo, kolbaan martinuu akka raagaa tokkootitti Yohaannis waan dhugeeffatteertuuf, dhaka'aan nu tunti» woliin jedhane.
LUK 20:7 Maarre isaan, «Eessaa akka dhutte nuuti hin beennu» jedhanee deebisane.
LUK 20:8 Yesuus deebisee, «Anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
LUK 20:9 Yesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture.
LUK 20:10 Yennaan guuranu geennaan, qooda midhaan woyni'ii ka isa gewu akka itti kennanuuf garbicha ifii tokko gara qonnaan bultootaa erge. Isaan ammoo isa dhaananee harka duwwaa ari'ane.
LUK 20:11 Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane.
LUK 20:12 Inni ammalle garbicha sadeesso'oo itti erge; isaan isaalle madeessanee alatti darbane.
LUK 20:13 Achiin duuba abbaan muka woyni'ii, ‹Ani maan godhu? Ilma kiyya jaalatamaa itti erga; isa hin ulfeessan fa te'a› jedhe.
LUK 20:14 Qonnaan bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‹Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!› jedhanee mari'atane.
LUK 20:15 Maarre isaan fichaa muka woyni'ii keessaa alatti isa darbanee ijjeesane. «Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan isaan godha laati?
LUK 20:16 Inni hin dhufa, qonnaan bultoota san hin ijjeesa, fichaa muka woyni'iille worra dhibi'itti hin kennata» jedhe. Kolbaan tana yennaa dhageette, «Hanqisi!» jette.
LUK 20:17 Yesuus ammoo isaan laalee, «‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e› jedhante ta barreeffante maan jechu'u ree?
LUK 20:18 Nami dhakaa san irratti jigu maraa hin caccaba; nami dhakaan sun irratti jigu ammoo hin bututa» jedhe.
LUK 20:19 Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus mammaassa kana marroo isaaniitiif mammaake beekanee, yennuma san isa qabiisaaf barbaadane; ammoo kolbaa sodaatane.
LUK 20:20 Isaan Yesuus baalli'ii fi hunna bulchaa worra Rooma'aatitti dabarsanee kenniisaaf, waan inni dubbatuun qaxafiisaaf isa gaadane; maarre dootuu nama balchaa ifi fakkeessitu itti ergane.
LUK 20:21 Maarre dootuun, «Barsiisa'a, wonni ati dubbattuu fi barsiittu dhugaa akka teete nuuti hin beenna; nama adoo wol hin caalchisin karaa Waaqaa dhuga'aan hin barsiitta.
LUK 20:22 Mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa moti?» jettee isa gaafatte.
LUK 20:23 Yesuus ammoo maltummaa isaanii dhaggee,
LUK 20:24 «Beesee ittiin bitaa gurgurattanu takka natti mudhisa'a; Fakki'ii fi barreeffama eennuutitti irra jira?» isaaniin jedhe. Jennaan, «Ka mooticha worra Rooma'aati» jedhane.
LUK 20:25 Maarre Yesuus isaaniin, «Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!» jedhe.
LUK 20:26 Isaan kolbaa san duratti waan inni dubbatteen isa qaxafiisaaf hin dandeenne. Deebii isaa baaseffatanee cadhisane.
LUK 20:27 Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhanu, gara Yesuusii dhufanee,
LUK 20:28 «Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuuti› jedhee nu'uuf barreesseera.
LUK 20:29 Obboleeyyan torba, tokko jiran. Angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e.
LUK 20:30 Obboleessi isatti aanulle, haadhuma hiyyeessaa san dhaalee ijoollee adoo hin uumatin du'e;
LUK 20:31 achiin duuba obboleessi sadeesso'oolle isii dhaale. Akkasuma obboleeyyan torbaanuu adoo isii irraa ijoollee hin uumatin duute.
LUK 20:32 Muummee irratti dubartittiille duute.
LUK 20:33 Amma, isaan torbaanuu niitumma'aan isii waan fuudhaneeranuuf, guyyaa du'aa ka'iisaa isiin eennuuf haadha manaa teeti ree?» jettee gaafatte.
LUK 20:34 Yesuus deebisee, «Worri biyya lafa tanaa hin fuudha, hin heerumalle'e;
LUK 20:35 worri du'aa ka'iisaa fi biyya lafaa ta dhuttu keessatti le'iisaaf malane ammoo, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e.
LUK 20:36 Isaan akka ergantoota Waaqaa waan te'aneef, deebi'anee hin du'anu; waan du'aa ka'aneeranuufille ijoollee Waaqaa hin te'an.
LUK 20:37 Muuseenuu, dabarsii marroo tusee gubattuu keessatti, Gootta'aan, ‹Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii› jedhee waan waameef, worri du'ane akka du'aa ka'anu mudhiseera.
LUK 20:38 Martinuu isaaf jiraataa waan te'aneef, inni Waaqa worra jiraata'aa ti malee Waaqa du'ootaatii moti» isaaniin jedhe.
LUK 20:39 Barsiisoti Seera Muuse'ee gariin deebisanee, «Barsiisaa, dansaa dubbatte» jedhane.
LUK 20:40 Achiin duuba isaan deebi'anee gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
LUK 20:41 Achiin duuba Yesuus, «Attamiin isaan, ‹Masiihiin Ilma Daawitii ti› jechu'uu dande'an?» jedhee isaan gaafate.
LUK 20:42 Daawiti ifiifuu kitaaba faaru'uu keessatti, «‹Goottaan Goottaa kiyyaan, «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala kewutti, midda kiyyatti tee'i» jedheera› jedhe.
LUK 20:44 Daawiti, ‹Goottaa kiyya› jedhee yoo isa waame, attamiin Masiihiin ilma isaa te'a ree?» jedhe.
LUK 20:45 Kolbaan martinuu adoo dhage'iisatti jirtuu, Yesuus baratoota ifiitiin,
LUK 20:46 «Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaalatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaalatanu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a!
LUK 20:47 Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama» jedhe.
LUK 21:1 Galma Waaqaa keessatti dureeyyiin subba kennansi itti kuufamu keessa, kennansa ifii buuttuun, Yesuus midhatee dhagge.
LUK 21:2 Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takkalle saantimii sibiila diima'aa didiqqoo lamaan keessa buuttuun dhagge.
LUK 21:3 Inni, «Ani dhugumaan isinitti hima, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun isaan mara caalaa keessa buutte.
LUK 21:4 Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte» jedhe.
LUK 21:5 Barattooti gariin Galmi Waaqaa dhakoota dadansa'aa fi kennansa Waaqaaf kennameen attam akka seefame dubbatane. Yesuus ammoo,
LUK 21:6 «Wonni isin dhaggitanu kun maraa, dhakaan tokkolle wol irratti hin hafu; yennaan inni itti diigamu hin dhutti» jedhe.
LUK 21:7 Isaan, «Barsiisaa, kun yoom te'a? Wonni kun te'iisaaf akka dhikaate beekiisaaf beessisi te'uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane.
LUK 21:8 Yesuus deebisee, «Akka hin sobanne ifi eeggadha'a! Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos, Yennaalle dhikaateerti!› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isin ammoo isaan hin hordofina'a!
LUK 21:9 Woraanaa fi worraaqa kolba'aa yennaa dhageettane hin sodaatina'a! Wonni akkasii kun dursee te'uu male; ammoo muummeen yoosuma hin teetu» jedhe.
LUK 21:10 Inni itti aansee, «Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati;
LUK 21:11 tacho'i lafaa guddaan, beeltii fi dhukkubi hamaan addee adde'etti hin te'an; wonni sodaachisuu fi beessisi gugurdaalle ol-gubbaa irraa hin mudhatan.
LUK 21:12 Wonni kun maraa adoo hin te'in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan; gara mana waaqonfannaa Yihudootaatii fi mana hidha'aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan.
LUK 21:13 Kunille karaa dhugaa naa ittiin baatanu isiniif hin te'a.
LUK 21:14 ‹Maan jennee falmanna› jettanee akka hin yaanneef gadha'atti qabadha'a!
LUK 21:15 Worri isiniin falmu tokkolle, isin dura dhaabbatiisaaf, yookiin isiniin mormiisaaf ka hin dandeenne, waan dubbattanuu fi qarummaa, aninuu isiniif hin kenna.
LUK 21:16 Haadhoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoottanii fi lansooti teessanuu dabarsanee isin hin kennan; isin keessaa garii hin ijjeesan.
LUK 21:17 Nami martinuu sababa kiyyaaf isin hin jibba.
LUK 21:18 Ammoo rifeensi mataa keessanii tokkolle hin badu.
LUK 21:19 Isin ciniinnattanee ossatiisaan jiruu hin dhaggattan» isaaniin jedhe.
LUK 21:20 Yesuus itti aansee, «Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi'ii akka dhikaate hin beettan.
LUK 21:21 Yennaa san worri Yihudaa keessa jiranu gara gaarotaatitti baqatanuu ti; worri qachaa keessa jiranulle keessaa bayanuu ti, worri baadiyyaa jiranulle qacha'atti hin deebi'in.
LUK 21:22 Guyyooti kun, ta barreeffante maraa akka muummottuuf, guyyoota adabbi'ii ti.
LUK 21:23 Guyyoota sanitti dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! Lafa tana irratti rakkinni hamaan, kolbaa tana irrattille mufiin hin dhutti.
LUK 21:24 Gariin shallaaga'aan hin du'an, kuun gara biyya maraa hin booji'aman. Worri Yihudoota hin te'in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan» jedhe.
LUK 21:25 Yesuus itti aansee, «Beessisi aduu, ji'aa fi urjoota irratti hin te'a. Bulpheessa abbaaya'aatii fi danbali'iitiin ka ka'e lafa irratti gosi duudiin sodaattee, waan gootu wollaalti.
LUK 21:26 Hunnooti ol-gubba'aa waan raafamanuuf, kolbaan waan biyya lafaa irratti dhufaaru sodaattee eegatiisaan hin gaggaddi.
LUK 21:27 Achiin duuba Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumensa keessa dhufuun hin dhaggan.
LUK 21:28 Kun maraa te'iisa yennaa jalqabu, fayyinni keessan waan dhikaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadha'a» jedhe.
LUK 21:29 Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Muka harru'uutii fi mukoota maraa ilaala'a.
LUK 21:30 Yennaa baalli isaanii quunxuun dhaggitane, bonni akka dhikaate beettan.
LUK 21:31 Maarre isinille, tun maraa teetuun yennaa dhaggitane, mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a.
LUK 21:32 Ani dhugumaan isinitti hima, tun maraa haga muummottutti dhalooti kun hin taru.
LUK 21:33 Ol-gubba'aa fi latti hin taran, Jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru» jedhe.
LUK 21:34 Yesuus itti aansee, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo'oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha'a!
LUK 21:35 Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa.
LUK 21:36 Waan te'uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha'aa, yennaa mara daadimadha'a!» jedhe.
LUK 21:37 Yesuus guyyaa guyyaa Galma Waaqaa keessatti barsiisee, halkan halkan gara gaara ejersaa jedhamu gubbaa dhaqee bule.
LUK 21:38 Kolbaan martinuu dubbii isaa caqasiisaaf barii halkaniin kaatee gara Galma Waaqaa dhaqaa turte.
LUK 22:1 Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaatteertiiyyu.
LUK 22:2 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane.
LUK 22:3 Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene.
LUK 22:4 Maarre Yihudaan dhaqee sooreyyii hayyootaatii fi qondaaltota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif kennu mari'ate.
LUK 22:5 Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane.
LUK 22:6 Maarre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif kenniisaaf, yennaa dagu'uu barbaadatiisatti ka'e.
LUK 22:7 Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye.
LUK 22:8 Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa'aatii nu'uuf qopheessa'a!» jedhee erge.
LUK 22:9 Isaan, «Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?» jedhanee isa gaafatane.
LUK 22:10 Inni deebisee, «Yennaa gara qacha'aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba'atee isin hin wolde'a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa'a.
LUK 22:11 Abbaa manaatiin, ‹Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan› jedha'a.
LUK 22:12 Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!» jedheen.
LUK 22:13 Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteertuun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
LUK 22:14 Saatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori'itti hiiqee tee'e.
LUK 22:15 Inni isaaniin, «Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera.
LUK 22:16 Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi'ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu» jedhe.
LUK 22:17 Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, «Hoo'aa, qoodama'a!
LUK 22:18 Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyni'ii irraa hin unu» jedhe.
LUK 22:19 Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!» jedhaa isaanitti kenne.
LUK 22:20 Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala'een, gondooroo haareya.
LUK 22:21 Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira!
LUK 22:22 Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du'a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne'e!» jedhe.
LUK 22:23 Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te'e wol gagaafatane.
LUK 22:24 Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate.
LUK 22:25 Yesuus isaaniin, «Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mowan; bulchitooti isaaniille, ‹Bu'aa buuttuu kolba'aa› ifiin jedhan.
LUK 22:26 Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti.
LUK 22:27 Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti.
LUK 22:28 Isin worra rakkinna kiyya keessatti na woliin turtane.
LUK 22:29 Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa.
LUK 22:30 Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan» jedhe.
LUK 22:31 Yesuus, «Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera.
LUK 22:32 Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!» jedhe.
LUK 22:33 Pheexroos ammoo, «Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoweera» jedhe.
LUK 22:34 Yesuus deebisee, «Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee na hin mormatta» jedheen.
LUK 22:35 Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate. Isaan deebisanee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhane.
LUK 22:36 Yesuus isaaniin, «Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami shallaagaa hin qanne woyaa ifii gurguree shallaagaa bitatuu ti.
LUK 22:37 Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‹Yakkaameyyii woliin laakkowame› ka jedhu, na irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti» jedhe.
LUK 22:38 Barattooti, «Ilaa, Gootta'a, shallaagaan lamaan as jira» jedhane. Jennaan inni deebisee, «Hin geya!» jedhe.
LUK 22:39 Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane.
LUK 22:40 Addee san yennaa geye, isaaniin, «Ataabamiisatti akka hin galle daadimadha'a!» jedhe.
LUK 22:41 Achiin duuba haga qolaansaa dhaka'aa isaan irraa fagaatee jilbiiffatee,
LUK 22:42 «Abba'a, yoo fedha keeti te'e, muduunuu rakkinnaa tana na irraa fuudhi; ammoo akka fedha kiyyaa adoo hin te'in, akka fedha keetii te'uu ti!» jedhee daadimate.
LUK 22:43 Achiin duuba ergamaan ol-gubba'aa mudhatee isa jajjabeesse.
LUK 22:44 Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe.
LUK 22:45 Daadimata irraa ka'ee gara barattootaa yennaa deebi'ee dhaqe, gaddaan waan bututaneeranuuf rafaneeranuun dhagge.
LUK 22:46 Inni isaaniin, «Maaf rattan? Akka ataabe'etti hin galle ka'a'aatii daadimadha'a!» jedhe.
LUK 22:47 Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate.
LUK 22:48 Yesuus ammoo, «Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?» jedheen.
LUK 22:49 Worri Yesuus woliin jiranu waan te'aaru yennaa dhaggane, «Gootta'a, shallaaga'aan dhoonnuu?» jedhane.
LUK 22:50 Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda'aa dhowee, gurra middaa irraa kute.
LUK 22:51 Yesuus ammoo, «Lakkisa'a! Tun hin dabalamin» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
LUK 22:52 Achiin duuba Yesuus sooreyyii hayyootaa, qondaaltota eedduu Galma Waaqaatii fi maanguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, «Akka ani alagala'aa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee?
LUK 22:53 Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin na hin qanne. Amma ammoo, saatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu» jedhe.
LUK 22:54 Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe.
LUK 22:55 Yennaa isaan badhinna dalleyaa wodhakka'atti ibidda gabbisanee wolitti dacha'anee tee'ane, Pheexroosille isaan woliin tee'e.
LUK 22:56 Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee'eeruun isa dhaggitee, hubattee, «Namichi kunille isa woliin jiraayyu» jette.
LUK 22:57 Inni ammoo, «Intaa, ani isa hin beeku» jedhee mormate.
LUK 22:58 Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe. Pheexroos ammoo, «Namicha, anaa moti!» jedhe.
LUK 22:59 Gara saatii takka'aatiin duuba nami dhibiin, «Nama Galiila'aa waan te'eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu» jedhee itti jabeesse.
LUK 22:60 Pheexroos ammoo, «Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!» jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite.
LUK 22:61 Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, «Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin na hin mormatta» jedhe qaabatee,
LUK 22:62 gad bayee laaleffatee bowe.
LUK 22:63 Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane.
LUK 22:64 Ila isaa hidhanee, «Eentu si dhowe? Raagi me!» jedhaa isa gaafatane.
LUK 22:65 Waan hedduu jedhaa isa arrassane.
LUK 22:66 Yennaa latti bariite maanguddooti kolba'aa, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanee, Yesuus kora murti'ii duratti dhikeessane.
LUK 22:67 Isaan, «Masiihiin si'ii? Nutti himi!» jedhane. Inni ammoo, «Yoo ani isinitti hime, hin dhugeeffattanu;
LUK 22:68 yoo ani isin gaafadhelle naaf hin deebittanu.
LUK 22:69 Ammoo Ilmi Namaa ammaa jalqabee, midda Waaqa waan mara dande'uutitti hin tee'a» jedheen.
LUK 22:70 Isaan martinuu, «Ati Ilma Waaqaatii ree?» jedhane. Inni deebisee, «Te'uu kiyya isinuu jettane» jedhe.
LUK 22:71 Jennaan isaan, «Nuutuu afaan isaa irraa dhageennee, dhugaa dhibii maaf barbaanna?» jedhane.
LUK 23:1 Achiin duuba worri kora murti'ii san keessa jiranu duudiin ol ka'anee, Yesuus Philaaxoos dura dhikeessane.
LUK 23:2 Isaan, «Namichi kun kolbaa teenna jallisiisee, mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruu dhooggee, ani Masiihii mooti'i ifiin jedhuun qanneerra» jedhaa isa himatiisatti ka'ane.
LUK 23:3 Philaaxoos, «Mootiin Yihudootaa si'ii?» jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, «Maarre atuu jette» jedhe.
LUK 23:4 Achiin duuba Philaaxoos sooreyyii hayyootaatii fi gumi'iin, «Ani nama kana irratti yakkaa tokkolle hin dhaggine» jedhe.
LUK 23:5 Isaan ammoo, «Inni biyya Yihuda'aa mara keessatti, Galiila'aa jalqabee haga asiitittille barsiisaa kolbaa teenna raasiisatti jira» jedhanee itti jabeessane.
LUK 23:6 Philaaxoos tana yennaa dhage'e, nama Galiila'aa te'uu isaa gaafate.
LUK 23:7 Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira.
LUK 23:8 Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera.
LUK 23:9 Heroodis gaaffii hedduu isa gaafate, inni ammoo womaa hin deebinne.
LUK 23:10 Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee achi dhaabbatanee, jabeessanee isa himatane.
LUK 23:11 Heroodisii fi loltooti isaa Yesuus salphisanee itti taphatane. Achiin duuba woyaa dansaa itti uffisanee gara Philaaxoosii deebisanee ergane.
LUK 23:12 Heroodisii fi Philaaxoos ka duraan wolii diina te'anee turane, gaafuma san wolii jaalomane.
LUK 23:13 Philaaxoos sooreyyii hayyootaa, sooressitootaa fi kolbaa waamee,
LUK 23:14 «Namichi kun kolbaa jallisiisa jettanee, qaddanee gara kiyya fiddane; anille isinuma duratti isa qoree, waan isin isa himattane keessaa yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine.
LUK 23:15 Heroodisille waan yakkaa isa irraa dhabeef deebisee nutti ergeera; akkuma dhaggitanu, waan muraa du'aatiin isa gewu tokkolle hujee hin jiru.
LUK 23:16 Tanaaf dhaansisee isa gad lakkisa» jedhe.
LUK 23:17 [Philaaxoos wogguma wogga'aan yennaa Jila Irra Dabaramaa worra hidhamane keessaa nama tokkocha kolba'aaf hiiku'uu male.]
LUK 23:18 Gumiin duudiin, «Namicha kana balleessi! Barabbaa nu'uuf hiiki!» jettee itti hogitte.
LUK 23:19 Barabbaan qachaa keessatti waan nageya booresseeruu fi nama ijjeeseeruuf mana hidha'aatitti hidhamee ture.
LUK 23:20 Philaaxoos Yesuus hiikiisaaf fedhee, ammalle gumi'iin dubbate.
LUK 23:21 Isaan ammoo, «Isa fannisi! Isa fannisi!» jedhanee ittuma hogisane.
LUK 23:22 Philaaxoos sadeessoo, «Maaf? Maan balleesse? Yakkaa muraa du'aatiin isa geettu isa irratti ani hin dhaggine. Tanaaf dhaansisee isa hiika» isaaniin jedhe.
LUK 23:23 Isaan ammoo, akka inni fannifamuuf qoonqoo guddo'oon ittuma jabeessanee kadhatane; hogaan isaaniille milkowe.
LUK 23:24 Maarre gaaffii isaaniitiif deebii kenniisaaf, Philaaxoos muraa kenne.
LUK 23:25 Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne.
LUK 23:26 Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane.
LUK 23:27 Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti.
LUK 23:28 Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, «Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif bowa'a malee, naaf hin bowina'a!
LUK 23:29 Sababille guyyooti isaan, ‹Maseenni, gadaamessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane› jedhanu hin dhufan.
LUK 23:30 Yennaa san isaan gaarotaan, ‹Nu irratti jiga'a!› koobotalle'een, ‹Nu dhossa'a!› hin jedhan.
LUK 23:31 Adoo muki bisile'eetuu yoo akkasi godhane, yennaa muki goge attam godhan ree?» jedhe.
LUK 23:32 Namoota yakkaameyyii lamaan dhibiille, ijjeesiisaaf Yesuus woliin geessane.
LUK 23:33 Addee «Buqqii Mata'aa» jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaameyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane.
LUK 23:34 Yesuus ammoo, «Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane.
LUK 23:35 Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, «Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!» jedhane.
LUK 23:36 Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni'ii dhangaggoottuu isaaf kennanee,
LUK 23:37 «Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!» jedhane.
LUK 23:38 Barreeffam, «Kun Mootii Yihudootaa ti» jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu.
LUK 23:39 Yakkaameyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, «Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!» jedhee isa arrasse.
LUK 23:40 Yakkaamessi kuun ammoo, «Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?» jedhee isa xixe.
LUK 23:41 Achiin duuba, «Nuuti waan hunyeef waan dhaggatiisaaf malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!» jedheen.
LUK 23:42 Achiin duuba Yesuusiin, «Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabadhu!» jedhe.
LUK 23:43 Yesuus deebisee, «Dhugumaan ani sitti hima, adhuma na woliin addee gammadaa keessa hin jiraatta» jedheen.
LUK 23:44 Orraa gara saatii jaatitti aduun ifa waan dhaddeef, latti duudiin dukkanoottee, haga saatii sagalii turte. Gollaan Galma Waaqaalle addee lamatti tarsa'e.
LUK 23:46 Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!» jedhe. Inni kana jedhee du'e.
LUK 23:47 Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, «Namichi kun dhugumaan nama balcha'a» jedhee Waaqa galateeffate.
LUK 23:48 Gumiin ilaaliisaaf achitti wolitti qabanteertu maraa waan te'e yennaa dhaggite, gaddaan qoma ifii dhodhowataa gara mana ifii galte.
LUK 23:49 Worri isa beekanu maraa fi dubartooti Galiilaa irraa isa hordofane ammoo fagoo dhaabbatanee, waan kana ilaaliisatti jiraniiyyu.
LUK 23:50 Namichi dansa'aa fi balchaan, ka mootummaa Waaqaa eeggatiisatti jiru, ka biyya Yihudootaa qachaa Armaatiya'aa keessaa dhufe, ka Yoseef jedhamu tokko jira. Inni miseensa kora murti'ii te'ulle mura'aa fi hujii isaaniititti wolii hin galin ture.
LUK 23:52 Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate.
LUK 23:53 Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale.
LUK 23:54 Guyyaan sun guyyaa Qophi'ii ti, Sanbatille seeniisaaf dhikaateera.
LUK 23:55 Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane.
LUK 23:56 Achiin duuba gara manaa deebi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane.
LUK 24:1 Guyyaa Dilbataa barii halkaniin dubartooti sun uddowaa qopheessiteertu qabattee gara boolla awwaalaa dhaxxe.
LUK 24:2 Dhakaan afaan boolla awwaalaa irraa gangalfameeruun dhaggane.
LUK 24:3 Boolla awwaalaa keessa yennaa seenane ammoo, reeffa Goottaa Yesuusii hin dhaggine.
LUK 24:4 Isaan waan kana mamiisatti jiranuun, nami lamaan woyaa caccalaqqittu uffatee dedhuma cinaa isaanii dhaabbate.
LUK 24:5 Dubartooti guddoo sodaatanee gad lafa ilaalane; namooti sun ammoo, «Maaf jiraataa worra du'eeru odduu barbaaddan?
LUK 24:6 Inni as hin jiru, ka'eera. Galiilaa adoo jiruu waan inni isinitti hime qaabadha'a!
LUK 24:7 ‹Ilmi namaa harka cubbaalleyyi'iititti kennamee, fannifamee, guyyaa sadeesso'ootitti du'aa ka'uu male› jedhe» jedhaneen.
LUK 24:8 Achiin duuba waan Yesuus jedhe qaabatane.
LUK 24:9 Addee awwaalaatii yennaa deebi'ane, waan kana maraa ergantoota kudhanii tokkoo fi worra kaan maratti himane.
LUK 24:10 Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi'i.
LUK 24:11 Ergantooti ammoo dubbii hin teene seyanee, dubbii isaanii hin dhugeeffanne.
LUK 24:12 Pheexroos ammoo ka'ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te'e kana baaseffataa gara manaa deebi'e.
LUK 24:13 Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetira kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu.
LUK 24:14 Isaan marroo waan te'e kana maraa haasowiisatti jiraniiyyu.
LUK 24:15 Adoo isaan waan kana haasowaa mari'atanuu, Yesuus ifumaafuu dhufee biraan bayee, isaan woliin ideeme.
LUK 24:16 Ammoo akka isaan isa hin hubanne, ilti isaanii qabanteerti.
LUK 24:17 Yesuus isaaniin, «Wonni isin haasowaa ideentanu kun maan inni?» jedhe. Isaan fuula gaddaatiin achuma dhaabbatane.
LUK 24:18 Achiin duuba isaan keessaa Qileyophaa ka jedhamu tokko deebisee, «Yerusaalem keessatti nami keessummaan ka waan dhikoo tana achitti te'e hin beenne, si'uma calla'aa?» jedhe.
LUK 24:19 Inni, «Maan inni?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Marroo Yesuusii nama Naaziretii, ka waan godhee fi waan dubbateen Waaqaa fi kolbaa mara duratti raagaa jabaa,
LUK 24:20 ka sooreyyiin hayyootaatii fi bulchitooti teenna akka du'uu fi fannifamu itti muranee dabarsanee kennane.
LUK 24:21 Nuuti ammoo ka Israa'el wodu isa jennee addii itti godhanneerra. Kana maraa irratti, wonni kun mara haga teeteen adhi guyyaa sadeesso'oo ti.
LUK 24:22 Dabalamaan, dubartooti golii teennaa nu maalalchaneeran; isaan adha barii halkaniin gara boolla awwaalaa dhaqaneeran;
LUK 24:23 ammoo reeffa isaa hin dhaggine. Achii deebi'anee, ergantoota Waaqaa ta, ‹Inni hin jira› isaaniin jette akka mudhi'iin dhaggane nutti himane.
LUK 24:24 «Worra nu woliin jiranu keessaa gariin gara boolla awwaalaa dhaqanee, akkuma dubartooti sun jedhane teeteertuun dhaggane; isa ammoo hin dhaggine» jedhanee itti himane.
LUK 24:25 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin attam attam gowwoole'e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara'a!
LUK 24:26 Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa'aa motii ree?» jedhe.
LUK 24:27 Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse'eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike.
LUK 24:28 Gara ollaa itti dhaqiisatti jiranuu yennaa dhikaatane, Yesuus akka waan dabaree ideemuu te'e.
LUK 24:29 Isaan ammoo, «Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!» jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene.
LUK 24:30 Isaan woliin qori'itti hiiqee yennaa tee'e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne.
LUK 24:31 Achiin duuba ilti isaanii banantee, isa hubatane; inni ammoo ila isaanii duraa miliqe.
LUK 24:32 Isaan wol woliin, «Yennaa inni kara'atti nu woliin haasowee fi Barreeffama Woyyicha nu'uuf hiike, gadhaan keenna hin gubannee?» jedhane.
LUK 24:33 Isaan yennuma san ka'anee gara Yerusaalemii deebi'ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee,
LUK 24:34 «Goottaan dhugumaan du'aa ka'eera, Simoonille'etti mudhateera!» jedhane.
LUK 24:35 Achiin duuba jarri lamaan waan kara'atti te'e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane.
LUK 24:36 Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe.
LUK 24:37 Isaan waan ekeraa dhaggane seyanee, sodaatanee bararaqane.
LUK 24:38 Yesuus ammoo, «Maaf sodaattan? Gadhaa keessan keessatti maaf mantan?
LUK 24:39 Harka kiyyaa fi miila kiyya ilaala'a, anumaayyuu dhagga'a. Qaqqaba'aatii na ilaala'a; ekeraan foonii fi lafee hin qaddu, akkuma dhaggitanu ani hin qaba» jedhe.
LUK 24:40 Yesuus tana jedhee harkaa fi miila ifii isaanitti mudhise.
LUK 24:41 Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, «Waan nyaataa asii qaddanii?» jedhee isaan gaafate.
LUK 24:42 Isaan qurxummii woddante diqqoo takka itti kennane;
LUK 24:43 innille fuudhee fuula isaanii duratti nyaate.
LUK 24:44 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana» jedhe.
LUK 24:45 Achiin duuba inni Barreeffama Woyyicha akka hubatanuuf qalbii isaanii bane.
LUK 24:46 Inni isaaniin, «Masiihiin akka rakkatuu fi guyyaa sadeesso'oo du'aa akka ka'u,
LUK 24:47 cubbuu irraa deebi'iisaa fi araarri cubbu'uu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee gosa maraaf akka lallabamu barreeffameera.
LUK 24:48 Isin waan kanaaf dhugaa-baatota.
LUK 24:49 Kunoo, waan Abbaan kiyya addii isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura'a» jedhe.
LUK 24:50 Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya'aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise.
LUK 24:51 Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubba'aa fudhatame.
LUK 24:52 Isaan isaaf sagadanee, gammachuu gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'anee,
LUK 24:53 yennaa mara Galma Waaqaa keessatti Waaqa galateeffataa turane.
JOH 1:1 Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu.
JOH 1:2 Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira.
JOH 1:3 Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dada maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne.
JOH 1:4 Isa keessa jiru'utti jira; jiruun sun ifa namootaa ti.
JOH 1:5 Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu.
JOH 1:6 Nami Waaqa biraa ergame, ka Yohaannis jedhamu tokko jiraayyu.
JOH 1:7 Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe.
JOH 1:8 Inni marroo ifa sanii himiisaaf dhufe malee, ifiif ifaa moti.
JOH 1:9 Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga'aa ti.
JOH 1:10 Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne.
JOH 1:11 Inni gara biyya ifii dhufe; kolbaan isaa ammoo isa hin fudhanne.
JOH 1:12 Te'uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te'anuuf midda kenne.
JOH 1:13 Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne.
JOH 1:14 Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine.
JOH 1:15 Yohaannis, « ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala› jedhee ka ani dubbadhe isa» jedhee iyyee dhugaa baye.
JOH 1:16 Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne.
JOH 1:17 Waaqi karaa Muuse'eetiin seera kenne; badhaadhaa fi dhugaan ammoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhutte.
JOH 1:18 Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba'aa jirutti isa mudhise.
JOH 1:19 Yihudooti baallii qabanu hayyootaa fi Lewwoota garii, «Ati eennuu?» jedhanee akka isa gaafatanu Yerusaalem irraa gara Yohaannisii ergane.
JOH 1:20 Yohaannis, «Ani Masiihii moti» jedhee dubbatee dhugaa baase malee, deebisiisaaf hin didanne.
JOH 1:21 Isaan, «Ati eennu ree? Ati Eliyaasii» jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, «Waawwoo ani isaa moti» jedhee deebise. Isaan, «Ati Raagichaa ree» jedhanee gaafatane. Inni, «Waawwoo» jedhee deebise.
JOH 1:22 Isaan, «Ati eennu ree? Worra nu ergeef deebii deebinnee himuu qanna. Ati eennu ifiin jetta?» jedhaneen.
JOH 1:23 Yohaannis deebisee, «Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‹Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a› jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti» jedhe.
JOH 1:24 Ergantooti Fariisaayotaan ergamane,
JOH 1:25 «Ati Masiihii yookiin Eliyaas yookiin Raagicha yoo hin te'in maaf cuuxxa ree?» jedhanee Yohaannis gaafatane.
JOH 1:26 Yohaannis, «Ani bisaaniin isin cuupha, ka isin hin beenne ammoo odduu teessan dhaabbata.
JOH 1:27 Inni na duubaan dhufaara; ani hidhaa kophee isaa hiiku'uufille nama malee moti» jedhee deebise.
JOH 1:28 Wonni kun marti laga Yordaanosiitiin gama karaa aduun baatu Bittaaniya'atti, addee Yohaannis itti cuuphiisatti jirutti teete.
JOH 1:29 Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, «Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu.
JOH 1:30 Ka ani, ‹Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni na caala› ka ani jedhe isaa kana.
JOH 1:31 Aninuu inni eennu akka te'u hin beenne; ammoo akka inni kolbaa Israa'eliititti mudhatuuf, ani bisaaniin cuuphaa dhufe» jedhe.
JOH 1:32 Yohaannis dhugaa bayee, «Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhaggeera.
JOH 1:33 Aninuu isa hin beenne, Waaqi akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge ammoo, ‹Ka Ayyaana Woyyichaan cuuphu, Ka Ayyaanni Woyyichi isa irra bu'ee hafuun ati dhaggitu› anaan jedheera.
JOH 1:34 Anille waan kana dhaggeera, inni Ilma Waaqaa akka te'e isinitti hima» jedhe.
JOH 1:35 Guyyaa itti aanu Yohaannis ammalle barattoota ifii lamaan woliin dhaabbatiisatti jiruun,
JOH 1:36 yennaa Yesuus achiin dabaru dhaggee, «Kunoo, hooleen Waaqaa!» jedhe.
JOH 1:37 Barattooti Yohaannisii lamaan dubbii Yohaannisii tana dhage'anee, Yesuus hordofane.
JOH 1:38 Yesuus garagalee, isaan isa hordofanuun dhaggee, «Maan barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, «Rabbii, eessa leeta?» jedhaneen; «Rabbii» jechuun, «Barsiisaa» jechu'u.
JOH 1:39 Yesuus, «Kowa'aatii ilaala'a!» isaaniin jedhe. Maarre isaan dhaqanee addee Yesuus le'u dhagganee, guyyaa san isa bira oolane; yennaan sun saafowa gara saatii kudhanii ti.
JOH 1:40 Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage'anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti.
JOH 1:41 Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, «Masiihii dhaggineerra» jedhee itti hime; «Masiihii» jechuun, «Kiristoos» jechu'u.
JOH 1:42 Achiin duuba Indiryaas Simoon gara Yesuusii geesse. Yesuus isa ilaalee, «Ati Simoonii ilma Yohaannisii ti; ammoo haganaa achi, ‹Keefaas› jedhantee waamanta» jedheen; «Keefaas» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Rassaa» jechu'u.
JOH 1:43 Guyyaa itti aanu Yesuus Galiilaa dhaqiisaaf murteeffate. Inni Filiphoos dhaggee, «Ana hordofi!» jedheen.
JOH 1:44 Filiphoos akkuma Indiryaasiitii fi Pheexroosii, nama qachaa Betsayda'aa ti.
JOH 1:45 Filiphoos Naataanaa'el dhaggee, «Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineerra. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti» jedheen.
JOH 1:46 Naataanaa'el, «Naaziret keessaa wonni dansaan dhaggamuu dandeettii?» jedhee Filiphoos gaafate. Filiphoos, «Koyiitii ilaali!» jedhee deebise.
JOH 1:47 Yesuus yennaa Naataanaa'el gara isaa dhufuun dhagge, «Kunoo, nami dhugumaan Israa'elichi, ka dharti tokkolle isa keessa hin jirre!» jedhee marroo isaa dubbate.
JOH 1:48 Naataanaa'el, «Eessatti na beetta?» jedhee gaafate. Yesuus, «Filiphoos adoo si hin waaminuu, muka harru'uu jala jirtuunuu si dhagge» jedheen.
JOH 1:49 Naataanaa'el, «Barsiisa'a, ati Ilma Waaqaa ti! Ati mootii Israa'elii ti!» jedhee deebise.
JOH 1:50 Yesuus, «Yennaa ati muka harru'uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita» jedhe.
JOH 1:51 Yesuus itti dabalee, «Dhugaa isinitti hima: Ol-gubbaan banantee, ergantooti Waaqaa Ilma Namaa irra ol bayaa gad buutuun hin dhaggitan» jedheen.
JOH 2:1 Guyyaa sadeesso'oo qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu.
JOH 2:2 Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran.
JOH 2:3 Yennaa daadhiin woyni'ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.
JOH 2:4 Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu'uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.
JOH 2:5 Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha'a» jettee tajaajiltootatti hinte.
JOH 2:6 Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an.
JOH 2:7 Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta'a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane.
JOH 2:8 Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa'aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa'a» jedhe. Isaanille isaaf geessane.
JOH 2:9 Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee,
JOH 2:10 «Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen.
JOH 2:11 Yesuus qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane.
JOH 2:12 Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahoomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane.
JOH 2:13 Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe.
JOH 2:14 Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole'ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee'iisatti jiranuun dhagge.
JOH 2:15 Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse.
JOH 2:16 Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa'a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko'oo hin godhina'a!» jedhee ajaje.
JOH 2:17 Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane.
JOH 2:18 Yihudooti baallii qabanu, «Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu'utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?» jedhanee isa gaafatane.
JOH 2:19 Yesuus, «Galma Waaqaa kana diiga'a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa» jedhee deebise.
JOH 2:20 Yihudooti baallii qabanu, «Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?» jedhanee isa gaafatane.
JOH 2:21 Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti.
JOH 2:22 Maarre inni du'aa ka'een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreeffama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane.
JOH 2:23 Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane.
JOH 2:24 Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addanne.
JOH 2:25 Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne.
JOH 3:1 Gosa Fariisaayotaa keessaa sooressi Yihudootaa, ka Niqoodemoos jedhamu tokko jiraayyu.
JOH 3:2 Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneerra. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju» jedheen.
JOH 3:3 Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande'u» jedhee deebise.
JOH 3:4 Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande'a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande'aa?» jedhee Yesuus gaafate.
JOH 3:5 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u.
JOH 3:6 Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana.
JOH 3:7 Waan ani, ‹Lammeessoo dhalatuu qaddan› si'iin jedheef hin masoonfatin.
JOH 3:8 Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.
JOH 3:9 Niqoodemoos, «Kun attam te'uu dande'a?» jedhee Yesuus gaafate.
JOH 3:10 Yesuus, «Ati barsiisaa Israa'elii teetee waan kana hin beettuu?
JOH 3:11 Ani dhugaa si'itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhaggine dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu.
JOH 3:12 Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba'aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree?
JOH 3:13 Ilma Namaa ka ol-gubba'aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba'aa ol baye eennulle hin jiru.
JOH 3:14 «Akkuma Muuseen lafa goomole'ee keessatti dhudhuufaa sageettu'uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba.
JOH 3:15 Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuuf.
JOH 3:16 Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
JOH 3:17 Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
JOH 3:18 «Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti.
JOH 3:19 Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane.
JOH 3:20 Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu.
JOH 3:21 Ka waan dhuga'aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa» jedheen.
JOH 3:22 Kanaan duuba Yesuusii fi barattooti isaa gara lafa Yihuda'aa dhaqane; inni isaan woliin diqqoo achi bubbulee, kolbaalle cuuphe.
JOH 3:23 Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte.
JOH 3:24 Yennaa san Yohaannis hidhamee hin jiru.
JOH 3:25 Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka'ane.
JOH 3:26 Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, «Barsiisa'a, namichi Yordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!» jedhanee itti himane.
JOH 3:27 Yohaannis deebisee, «Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu.
JOH 3:28 ‹Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa› akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya.
JOH 3:29 Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage'u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe.
JOH 3:30 Inni guddaa te'ee, ani diqqaa te'uu qaba.
JOH 3:31 «Ka ol-gubba'aa dhufu mara caala. Ka lafa tanaa kama lafa tanaa ti; waan lafaalle dubbata; ka ol-gubba'aa dhufu ammoo mara caala.
JOH 3:32 Inni waan dhaggee fi waan dhage'e dhugaa baya; ammoo dhugaa baya isaa ka fudhatu hin jiru.
JOH 3:33 Nami dhugaa baya isaa fudhate ammoo, Waaqi dhugaammessa akka te'e kanaan mirkaneesse.
JOH 3:34 Waaqi Ayyaana ifii safara male waan kennuuf, ka Waaqi erge dubbii Waaqaa dubbata.
JOH 3:35 Abbaan Ilma jaalata; waan maralle harka isaatitti kenneera.
JOH 3:36 Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu» jedhe.
JOH 4:1 Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage'ane.
JOH 4:2 Te'uu malee, ka cuuphe barattoota isaa ti malee, Yesuusii moti.
JOH 4:3 Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage'e, biyya Yihuda'aa lakkisee deebi'ee gara Galiila'aa dhaqe.
JOH 4:4 Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu.
JOH 4:5 Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe.
JOH 4:6 Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara saatii jaa ti.
JOH 4:7 Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi'iin, «Bisaan uni'ii naa kenni!» jedheen.
JOH 4:8 Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha'aa dhaqaneeran.
JOH 4:9 Dubartiin sun, «Ati nama Yihudi'ii teetee ana dubartii samaariya'aa attam bisaan uni'ii gaafatta?» jetteen. Yihudooti muduunu'uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu.
JOH 4:10 Yesuus deebisee, «Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu» jedhe.
JOH 4:11 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile'e; bisaan jiru'uu san eessaa fidda ree?
JOH 4:12 Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu'uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?» jetteen.
JOH 4:13 Yesuus deebisee, «Bisaan kana ka unu marti deebi'ee hin dheebota;
JOH 4:14 bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a» jedhe.
JOH 4:15 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana naaf kenni» jetteen.
JOH 4:16 Yesuus, «Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koy» jedheen.
JOH 4:17 Dubartittiin, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Yesuus, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jedhiis keeti dhuga'a.
JOH 4:18 Ati nama shan heerumteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga'a» jedheen.
JOH 4:19 Dubartittiin, «Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga.
JOH 4:20 Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfannu Yerusaalem te'uu qaba jettan» jetteen.
JOH 4:21 Yesuus, «Dubartii tana, gaara kana gubba'atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu.
JOH 4:22 Isin worri Samaariya'aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna.
JOH 4:23 Yennaan worri dhuga'aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga'aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga'aan isa waaqonfatanu barbaada.
JOH 4:24 Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga'aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.
JOH 4:25 Dubartittiin isaan, «Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu'utti hima» jetteen.
JOH 4:26 Yesuus deebisee, «Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa» jedheen.
JOH 4:27 Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, «Maan barbaadde?» yookiin, «Maaf isii woliin dubbatta?» ka jedhe hin jiru.
JOH 4:28 Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha'aa deebitee dhaxxee, kolba'aan,
JOH 4:29 «Namicha waan ani godhe mara natti hime kowa'aatii ilaala'a. Inni Masiihii te'innaa?» jette.
JOH 4:30 Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa'ane.
JOH 4:31 Yennuma san keessatti barattooti, «Barsiisa'a, woy nyaadhu!» jedhanee isa kadhatane.
JOH 4:32 Inni ammoo, «Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba» jedhe.
JOH 4:33 Maarre barattooti, «Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?» jedhanee wol gagaafatane.
JOH 4:34 Yesuus isaaniin, «Sagaleen tiyya, fedhii ka na ergee godhu'uu fi hujii isaa muummessu'u.
JOH 4:35 Isin, ‹Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti› jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammumaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera!
JOH 4:36 Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te'a.
JOH 4:37 Maarre mammaassi, ‹Tokko hin facaasa, kuun hin haama› jedhu dhuga'a.
JOH 4:38 Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu'aa dhaggattane» isaaniin jedhe.
JOH 4:39 Dubartittiin, «Waan ani godhe mara natti hime» jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya'aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane.
JOH 4:40 Maarre worri samaariya'aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa gaafatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture.
JOH 4:41 Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane;
JOH 4:42 isaan dubartitti'iin, «Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneerra; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra» jedhane.
JOH 4:43 Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka'ee gara Galiila'aa dhaqe.
JOH 4:44 Inninuu, «Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu» jedheera.
JOH 4:45 Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane.
JOH 4:46 Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni'ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessaa, deebi'ee dhaqe. Qondaalli mootumma'aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu.
JOH 4:47 Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa akka dhufeeru yennaa dhage'e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du'iisa geyeeru fayyisuuf isa gaafate.
JOH 4:48 Yesuus isaan, «Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu» jedheen.
JOH 4:49 Qondaaltichi mootumma'aalle, «Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du'in maganne'ee koy!» jedheen.
JOH 4:50 Yesuus isaan, «Gali; ilmi keeti hin jiraata!» jedheen. Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme.
JOH 4:51 Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane.
JOH 4:52 Inni saatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, «Kalee saatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte» jedhanee deebisane.
JOH 4:53 Achiin duuba abbaan muca'aa saatii Yesuus, «Ilmi keeti hin jiraata» jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane.
JOH 4:54 Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa deebi'ee dhufee, lammeessoo huje.
JOH 5:1 Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe.
JOH 5:2 Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin «Betzataa» jedhanti.
JOH 5:3 Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole'ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho'iisa bisaanii eegatiisatti jiraniiyyu.
JOH 5:4 Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu'ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho'eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu'e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.]
JOH 5:5 Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu.
JOH 5:6 Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedhee isa gaafate.
JOH 5:7 Namichi dhibamaan sun, «Gootta'a, bisaan yennaa tacho'u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena» jedhee deebise.
JOH 5:8 Yesuus, «Ka'i, itillee teeti fudhadhuu, deemi» jedheen.
JOH 5:9 Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme. Guyyaan wonni sun teete sanbata.
JOH 5:10 Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, «Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga» jedhane.
JOH 5:11 Inni deebisee, «Namicha na fayyisetti, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› anaan jedhe» isaaniin jedhe.
JOH 5:12 Isaan, «Namichi, ‹Itillee teeti fudhadhuu deemi!› siin jedhe eennu inni?» jedhanee isa gaafatane.
JOH 5:13 Gumiin addee sanitti waan heddatteertuu fi Yesuusille achii waan deemeeruuf, namichi fayye sun Yesuus eennu akka te'e hin beenne.
JOH 5:14 Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, «Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin» jedheen.
JOH 5:15 Achiin duuba namichi deemee, ka isa fayyise Yesuus akka te'e, Yihudootatti hime.
JOH 5:16 Maarre sababa Yesuus sanbataan fayyiseef, Yihudooti isa miidhiisa jalqabane.
JOH 5:17 Yesuus, «Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba» isaaniin jedhe.
JOH 5:18 Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
JOH 5:19 Maarre Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha.
JOH 5:20 Abbaan Ilma waan jaalatuuf, waan ifii godhu mara isatti hin mudhisa. Akka isin masoonfattanuuf, waan kana caaluuyyuu isatti hin mudhisa.
JOH 5:21 Akkuma Abbaan worra du'ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna.
JOH 5:22 Abbaan eennulle'etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera;
JOH 5:23 Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.
JOH 5:24 «Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka na ergelle'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiru'uu tareera; isatti hin murantu.
JOH 5:25 Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du'ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage'anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage'u jiru'uun le'a.
JOH 5:26 Akkuma Abbaan madda jiru'uu te'e, Ilma ifiille madda jiru'uu akka te'u godheera.
JOH 5:27 Inni Ilma Namaa waan te'eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera.
JOH 5:28 Waan kana hin masoonfatina'a; yennaan worri du'e marti qoonqoo isaa dhage'u hin dhutti;
JOH 5:29 awwaala ifii keessaalle'ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatiisaaf ka'an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka'an.
JOH 5:30 «Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a.
JOH 5:31 «Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga'aatitti hin fudhatamu.
JOH 5:32 Ammoo ka anaaf dhugaa bayu ka dhibiin hin jira, wonni inni marroo tiyyaaf dhugaa baye sun dhugaa akka teete ani hin beeka.
JOH 5:33 Isin ergantoota teessan gara Yohaannisii ergitane; inni dhuga'aaf dhugaa baye.
JOH 5:34 Akka isin fayyitanu tana jedhe malee, ani dhugaa bayiisa namaa hin fudhadhu.
JOH 5:35 Yohaannis akka xassaa bobe'ee ifuu ti; isin yenna'aaf ifa isaatitti gammadu'uuf barbaaddane.
JOH 5:36 Ani ammoo dhugaa baya Yohaannisiituu caalaa dhugaa baya qaba; hujiin akka ani muummessuuf Abbaan kiyya naa kennee, hujiisatti jiru tun, akka Abbaan kiyya na erge dhugaa baati.
JOH 5:37 Abbaan kiyya ka na ergeeyyuu dhugaa naaf bayeera. Isin ijjumaa qoonqoo isaa hin dhageenne yookiin akka akki isaa jiru ijjumaa hin dhaggine;
JOH 5:38 ka inni ergetti waan hin dhugeeffatiniif, jecha isaa gadhaa keessanitti hin qabanne.
JOH 5:39 Isin Barreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!
JOH 5:40 Isin ammoo jiruu dhaggatiisaaf gara kiyya dhufiisa hin feetanu!
JOH 5:41 «Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu.
JOH 5:42 Ammoo akka isin jaalala Waaqaa hin qanne ani hin beeka.
JOH 5:43 Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee, isin ammoo na hin fudhanne; nami dhibiin yoo maqaa ifiitiin dhufe, isin ammoo isa hin fudhattan.
JOH 5:44 Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam natti dhugeeffatiisa dandeettan ree?
JOH 5:45 Ani Abbaa kiyya duratti waan isin himadhu hin seyina'a. Muusee isin addii itti godhattanettuu isin himata.
JOH 5:46 Adoo Muuse'etti dhugeeffattanee jiraattane, inni waan marroo tiyyaaf barreesseef natti hin dhugeeffattaniiyyu.
JOH 5:47 Ammoo waan inni barreesse yoo hin dhugeeffatin, waan ani jedhu attam dhugeeffatuu dandeettan?» jedhe.
JOH 6:1 Achiin duuba Yesuus gara Abbaayaa Galiila'aa ta Xiberiyaas jedhantuun gamatti bu'e.
JOH 6:2 Gumiin hedduun baasa inni worra dhibamaa fayyisiisaan tolche waan dhaggiteef isa hordotte.
JOH 6:3 Yesuus gara gaara tokkoo ol bayee, barattoota ifii woliin tee'e.
JOH 6:4 Yennaa san Jilti Irra Dabaramaa ta Yihudootaa dhikaatteertiiyyu.
JOH 6:5 Yesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, «Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?» jedhe.
JOH 6:6 Inni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu.
JOH 6:7 Filiphoos, «Daabboon mindaa ji'a saddeetiille diqquma diqqoolle'een isaan mara hin geettu» jedhe.
JOH 6:8 Barattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii,
JOH 6:9 «Mucaan tokko ka daabboo garbu'uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu» jedheen.
JOH 6:10 Yesuus isaaniin, «Kolbaa teessisa'a» jedhe. Marra gudda'atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette.
JOH 6:11 Yesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galateeffatee, kolbaa achi tee'iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche.
JOH 6:12 Isaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, «Hambaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba'a» jedhe.
JOH 6:13 Maarre isaan xaltaa daabboo garbu'uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hambaa hatte wolitti qabanee kollonjoo kudhanii lama guutane.
JOH 6:14 Kolbaan yennaa bilbaasa Yesuus huje kana dhaggite, «Kun dhugumaan raagicha gara biyya lafaa dhufu'uu jiruuyyu!» jette.
JOH 6:15 Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanee, mootii isa godhachu'uuf dhufaaranu beekee, qofii ifii ammalle gara gaaraa deeme.
JOH 6:16 Yennaa latti galgalootte, barattooti Yesuusii gara abbaaya'aa gad bu'anee,
JOH 6:17 hoboloo takka seenanee, abbaaya'aan gama gara Qifrinaahomii bu'iisaaf ka'ane. Latti dukkanoottelle'een Yesuus gara isaanii hin dhunne.
JOH 6:18 Bubbeen waan bubbisiisatti jirtuuf bisaan raafame.
JOH 6:19 Haga kiiloomeetira shanii yookiin jaa shaffisa'aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo'oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane.
JOH 6:20 Yesuus ammoo, «Wonni anaa, hin bararaqina'a!» isaaniin jedhe.
JOH 6:21 Achiin duuba isaan gara hobolo'oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette.
JOH 6:22 Guyyaa lammeesso'oo kolbaan abbaaya'aan gamatti hatte, hoboloon takkattiin callaan akka achi jirtu hubatte. Yesuus barattoota ifii woliin hobolo'oon akka hin deemin, barattooti ammoo qofuu akka deemaneeranu kolbaan sun beette.
JOH 6:23 Hobolooti dhibiin, Xiberiyaas irraa, gara lafa addee Goottaan galata galcheeruun, kolbaan daabboo itti nyaatteen dhikaattuu dhufane.
JOH 6:24 Kolbaan, Yesuusii fi barattooti isaa akka achi hin jirre yennaa dhaggite, hoboloota san seentee Yesuus barbaadiisaaf, gara Qifirnaahoomii dhaxxe.
JOH 6:25 Kolbaan abbaaya'aan gamatti yennaa Yesuus dhaggite, «Barsiisa'a, yoom as dhutte?» jetteen.
JOH 6:26 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima; isin waan sagalee nyaattanee quuttaneef na barbaadiisatti jirtan malee, bilbaasa kiyya waan dhaggitaneefii moti.
JOH 6:27 Sagalee badduuf hin hujina'a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja'a. Waaqi Abbaan, chaappaa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiniif hin kenna» jedhe.
JOH 6:28 Maarre isaan, «Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?» jedhaneen.
JOH 6:29 Yesuus deebisee, «Wonni akka isin gootanu Waaqi barbaadu, ka inni ergetti dhugeeffatiisa» jedhe.
JOH 6:30 Isaan, «Akka dhagginee si'itti dhugeeffannu bilbaasa maan goota? Maan hujja?
JOH 6:31 Akkuma Barreeffam Woyyichi, ‹Inni sagalee ol-gubbaa irraa akka nyaatanu isaaniif kenne› jedhu, Abbootiin teenna lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte» jedhaneen.
JOH 6:32 Yesuus, «Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse'ee moti; ka sagalee dhuga'aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya.
JOH 6:33 Sagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu» jedheen.
JOH 6:34 Isaan, «Gootta'a, sagalee tana yennaa mara nu'uuf kenni» jedhaneen.
JOH 6:35 Yesuus isaaniin, «Sagaleen jiru'uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka natti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu.
JOH 6:36 Akkuma ani isinitti hime, isin na dhaggitaneertan; ammoo hin dhugeeffanne.
JOH 6:37 Ka Abbaan kiyya naaf kennu mara gara kiyya hin dhufa. Ka gara kiyya dhufu ani ijjumaa ifi irraa hin ari'u.
JOH 6:38 Wonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka na ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti.
JOH 6:39 Fedhiin ka na ergee, worri inni naaf kenne mara guyyaa muumme'ee akka jiru'uuf isaan kaasu malee, isaan keessaa tokkolle akka ani balleessuufii moti.
JOH 6:40 Fedhiin Abbaa kiyyaa, nami Ilma isaa dhaggee itti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa akka qabaatu. Anille guyyaa muumme'ee jiru'uuf isa kaasa» jedhe.
JOH 6:41 Worri Yihudootaa waan inni, «Sagaleen ol-gubbaa irraa gad dhutte ana» jedheef itti gungumiisatti ka'ane.
JOH 6:42 Maarre isaan, «Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba'aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‹Ol-gubba'aa gad bu'e› jedha ree?» jedhane.
JOH 6:43 Yesuus deebisee, «Wolitti gungumiisa lakkisa'a.
JOH 6:44 Abbaan na erge yoo isa harkise malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u; anille guyyaa muumme'ee du'aa isa hin kaasa.
JOH 6:45 Raagoleen, ‹Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te'a› jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage'uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa.
JOH 6:46 Ka Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru.
JOH 6:47 Ani dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba.
JOH 6:48 Sagaleen jiru'uu ana.
JOH 6:49 Abbootiin teessan lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te'uu male duute.
JOH 6:50 Sagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana.
JOH 6:51 Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya» isaaniin jedhe.
JOH 6:52 Yihudooti, «Namichi kun attam foon isaa akka nyaannu nu'uu kenniisa dande'a?» jedhanee wol mormiisatti ka'ane.
JOH 6:53 Yesuus isaaniin, «Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu.
JOH 6:54 Nami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme'ee du'a keessaa isa hin kaasa.
JOH 6:55 Foon kiyya sagalee dhuga'aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga'aa ti.
JOH 6:56 Ka foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha.
JOH 6:57 Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba'aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata.
JOH 6:58 Sagaleen ol-gubba'aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata» jedhe.
JOH 6:59 Yesuus Qifirnaahoomitti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti yennaa barsiisiisatti jiru tana dubbate.
JOH 6:60 Barattooti isaa hedduun kana dhage'anee, «Barsiisi kun guddoo jabaata. Eennutti isa fudhatiisa dande'a?» jedhane.
JOH 6:61 Yesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, «Wonni kun isin gufachiisaa?
JOH 6:62 Ilmi Namaa addee dur jirutti deebi'ee ol bayiisatti jiruun yoo dhaggitane maan jettan ree?
JOH 6:63 Ayyaanni Waaqaa jiruu kenna; hunni namaa womaa bu'aa hin qaddu. Jechi ani isinitti dubbadhe Ayyaana Waaqaa ti; jiruulle'e.
JOH 6:64 Ammoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran» isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te'e duruu beekeera.
JOH 6:65 Yesuus ede'ee, «Ani waan kanaaf ka Abbaan kiyya akka gara kiyya dhufu godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u isiniin jedhe» jedhe.
JOH 6:66 Waan kanaaf, barattoota isaa keessaa hedduun gara duubaa deebi'ane; eega san isa woliin hin deenne.
JOH 6:67 Maarre Yesuus barattoota kudhanii lamaaniin, «Isinille deemuu barbaaddanii?» jedhee gaafate.
JOH 6:68 Simoon Pheexroos, «Gootta'a, gara eennuu deenna? Ati Jecha jiruu bara baraa kennu qadda.
JOH 6:69 Ati Woyyicha Tokkocha Waaqaa akka teete dhugeeffanneerra; beenneerralle'e» jedhaneen.
JOH 6:70 Yesuus deebisee, «Isin kudhanii lamaan ka file anaa motii? Te'uu malee isin keessaa tokko Seexana» jedhe.
JOH 6:71 Inni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te'ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate.
JOH 7:1 Kanaan duuba, Yihudooti baallii qabanu lafa Yihuda'aa keessa jiranu, isa ijjeesiisaaf waan barbaadaneef, Yesuus Galiilaa keessa deddeebi'e malee, Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne.
JOH 7:2 Jilti Yihudootaa ta jila Gose'ee jedhantu dhikaatteertuun,
JOH 7:3 obboleeyyan Yesuusii isaan, «Barattooti teeti hujii ati hujiisatti jirtu akka dhagganu, addee tana lakkisii gara lafa Yihuda'aa deemi.
JOH 7:4 Eennulle guddoo beekkamuu yoo barbaade, waan hujatiisatti jiru hin dhossu. Ati hujii tana eega hujjee, biyya lafaatitti ifi mudhisi» jedhaneen.
JOH 7:5 Obboleeyyan isaatuu isatti hin dhugeeffanne.
JOH 7:6 Yesuus isaaniin, «Yennaan tiyya ta anaaf teetu ammalle hin geenne. Yennaan martinuu isiniif ta teetu.
JOH 7:7 Biyyi lafaa isin jibbiisa hin dandeettu; ani ammoo hujiin isi'ii badduu akka teete waan himiisatti jiruuf na jibbiti.
JOH 7:8 Isin gara jilaa dhaqa'a. Yennaan naaf teetu waan hin geyiniif, ani gara jila tanaa hin dhaqu» jedhe.
JOH 7:9 Inni tana jedheen duuba lafa Galiila'aatitti hafe.
JOH 7:10 Obboleeyyan isaa gara jilaa deemaneeranuun duuba, Yesuusille mudhi'iin adoo hin te'in dhokaataan dhaqe.
JOH 7:11 Jila irratti Yihudooti baallii qabanu isa barbaadanee, «Inni eessa jira?» jedhanee gaafatane.
JOH 7:12 Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, «Inni nama dansa'a» jedhe. Worri dhibiin, «Waawwo'o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira» jedhe.
JOH 7:13 Ammoo Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, eennulle marroo isaa mudhi'iin hin dubbanne.
JOH 7:14 Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe.
JOH 7:15 Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, «Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?» jedhane.
JOH 7:16 Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka na erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti.
JOH 7:17 Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka.
JOH 7:18 Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu.
JOH 7:19 Muuseen seera isinii kenneeraa motii? Isin keessaa tokkolle ammoo ka seera eegu hin jiru. Isin maaf na ijjeesiisaaf barbaaddan?» jedhe.
JOH 7:20 Gumiin deebittee, «Ati durriisa ifi keessaa qadda! Eentu si ijjeesiisaaf barbaadiisatti jira?» jetteen.
JOH 7:21 Yesuus, «Ani baasa tokko hujee jennaan, isin maraayyuu maalalfattane.
JOH 7:22 Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan.
JOH 7:23 Seerri Muuse'ee akka hin banneef, guyyaa Sanbataatiin ilma tokko haqanqabaa yoo ka qabanu te'e, maaf guyyaa Sanbataatiin ani nama tokko guutuma guutu'utti waan fayyiseef natti aartan?
JOH 7:24 Muraa dhuga'aa mura'a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa'a» jedhe.
JOH 7:25 Kolbaan Yerusaalemii gariin, «Namichi kun ka isaan ijjeesiisaaf barbaadanuu motii?
JOH 7:26 Ilaala'a! Inni badhinumatti dubbatiisatti jira; isaan isa mormanee womaa hin jenne! Worri baallii qabu akka inni Masiihii te'e dhugumaan beekanee jiraatanuu?
JOH 7:27 Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna» jedhane.
JOH 7:28 Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, «Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka na erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu;
JOH 7:29 ani ammoo isa biraa waan dhufee fi inni waan na ergeef isa hin beeka» jedhe.
JOH 7:30 Achiin duuba isaan isa qabiisaaf barbaadane; ammoo yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle harkaan isa hin tundhe.
JOH 7:31 Gumii san keessaa hedduun isatti dhugeeffatanee, «Masiihiin yennaa dhufu, bilbaasa namichi kun godhe caalaa inni bilbaasa hin godhaa laati?» jedhane.
JOH 7:32 Fariisaayoti gumiin waan kana marroo Yesuusii hasaasanuun dhageettee, sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti Yesuus qabiisaaf eedduu Galma Waaqaa itti ergane.
JOH 7:33 Yesuus, «Ani yennaa gabaadduu calla'aaf isin woliin jiraadhee, achiin duuba gara ka na ergee hin deema.
JOH 7:34 Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu» jedhe.
JOH 7:35 Yihudooti baallii qabanu, «Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki'ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii?
JOH 7:36 ‹Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu› jechuun maan jechuu isaa ti?» jedhane.
JOH 7:37 Guyyaa muummeffata jilaa, guyyaa guddaa Yesuus ol ka'ee qoonqoo guddo'oon, «Nami dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee unuu ti.
JOH 7:38 Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‹Ka natti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru'uu isa keessaa burqa› » jedhe.
JOH 7:39 Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru.
JOH 7:40 Gumii san keessaa namooti gariin jecha isaa kana dhage'anee, «Namichi kun dhugumaan raagicha» jedhane.
JOH 7:41 Worri dhibiin, «Inni Masiihii» jedhane. Worri dhibiin ammoo, «Masiihiin Galiilaa irraa hin dhufaa?
JOH 7:42 Barreeffam Woyyichi, Masiihiin sanyii mooticha Daawitii keessaa, qachaa Daawiti le'e, Beeteelem keessatti dhalata jedhaa motii?» jedhane.
JOH 7:43 Maarre sababa Yesuusiitiif gumiin gargar qoodante.
JOH 7:44 Worri gariin isa qabiisaaf barbaade, ammoo eennulle isa harkaan hin tundhe.
JOH 7:45 Eedduun Galma Waaqaa gara sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayota yennaa deebi'anee dhaqane, «Isin maaf isa fidiisa dhaddane?» jedhanee eedduu Galma Waaqaa gaafatane.
JOH 7:46 Eedduun Galma Waaqaa, «Akka namichi kun dubbate eennulle ijjumaa dubbattee hin beeku» jedhanee deebisane.
JOH 7:47 Worri Fariisaayotaa, «Isinille sobantanee?
JOH 7:48 Worra baallii qabu yookiin Fariisaayota keessaa nami isatti dhugeeffateeru jiraa?
JOH 7:49 Gumiin seera Muuse'ee hin beenne tun, abaarsa Waaqaa jala jirti!» jedhaneen.
JOH 7:50 Namichi duraan gara Yesuusii dhaqeeru, ka Fariisaayota keessaa tokko te'e Niqoodemoos,
JOH 7:51 «Akka seera keennaatitti nama tokko dhage'anee waan inni godheeru adoo hin dhaggin itti muruun hin dande'amaa?» jedhee gaafate.
JOH 7:52 Isaan, «Atille nama Galiila'aatii? Barreeffama Woyyicha qorqorii ilaali; raagaan Galiilaa keessaa akka ijjumaa hin kaane hin dhaggita» jedhaneen. [
JOH 7:53 Achiin duuba marti isaaniituu gara mana ifii deemane.
JOH 8:1 Yesuus ammoo gara gaara Ejersaa deeme.
JOH 8:2 Boruyyaa ganama inni gara Galma Waaqaa deebi'e. Kolbaan marti isa biratti wolitti qabantee, inni gad tee'ee isaan barsiisuu jalqabe.
JOH 8:3 Barsiisoti Seeraatii fi Fariisaayoti dubartii gaarayyeeffata irratti qabante takka ol seensisanee, fuula isaan maraa dura dhaabbachiisanee,
JOH 8:4 Yesuusiin, «Barsiisa'a, dubartiin tun gaarayyeeffata irratti qabanteerti.
JOH 8:5 Muuseen Seera keessatti dubartiin akkasii tun dhaka'aan tumantee akka duutu ajajeera. Ati amma maan jetta?» jedhane.
JOH 8:6 Isaan sababa ittiin isa himatanu dhaggatiisaaf, Yesuus xaqariisaaf tana jedhane. Inni ammoo gad jedhee qubaan lafa irratti barreessuu jalqabe.
JOH 8:7 Isaan ittuma deddeebi'anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, «Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi'itti qolaansuu ti» jedhe.
JOH 8:8 Achiin duuba inni ammalle gad jedhee lafa irratti barreesse.
JOH 8:9 Isaan yennaa tana dhage'ane, jaarsole'een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe.
JOH 8:10 Inni ol jedhee isi'iin, «Dubartii tana, meet isaan? Nami sitti mure tokkolle hin jiruu?» jedhe.
JOH 8:11 Isiin deebittee, «Gootta'a, nami tokkolle hin jiru» jette. Yesuus, «Anille si'itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin» jedhe.]
JOH 8:12 Yesuus ammalle isaaniin, «Ani ifa biyya lafaa ti; ka na hordofu marti ifa jiru'uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu» jedhee dubbate.
JOH 8:13 Worri Fariisaayotaa, «Ati amma ifii keetiif dhugaa bayiisatti jirta; dhugaa bayiisi keeti fudhatama hin qabu» jedhaneen.
JOH 8:14 Yesuus deebisee, «Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu.
JOH 8:15 Isin yaada namumma'aatiin murtan; ani nama tokko irralle'etti hin muru.
JOH 8:16 Ani ammoo yoo murelle, ka na erge Abbaan na woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a.
JOH 8:17 Dhugaa bayi nama lamaa, fudhatama qaba jedhantee Seera keessan keessatti barreeffanteerti.
JOH 8:18 Ani ifii kiyyaaf dhugaa baya; Abbaan na ergelle naaf dhugaa baya» isaaniin jedhe.
JOH 8:19 Achiin duuba isaan, «Abbaan keeti eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo na beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu» isaaniin jedhe.
JOH 8:20 Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne.
JOH 8:21 Yesuus ede'eelle, «Ani hin deema; isin na hin barbaaddan; ammoo cubbuu teessaniin hin duutan. Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu» isaaniin jedhe.
JOH 8:22 Maarre Yihudooti, «Inni ‹Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedha. Wonni akkana jedhuuf inni ifi ijjeesaaraa laati?» jedhane.
JOH 8:23 Yesuus deebisee, «Isin worra jalaa ti; ani ammoo ka gubba'aa ti. Isin ka biyya lafa tanaa ti; ani ammoo ka biyya lafaatii moti.
JOH 8:24 Ani ‹Ana› akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe» jedheen.
JOH 8:25 Isaan, «Ati eennu?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Kama ani jalqaba irraa kaasee isinitti hime.
JOH 8:26 Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka na erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha» jedhe.
JOH 8:27 Isaan marroo Abba'aa akka Yesuus isaanitti dubbatiisatti jiru hin hubanne.
JOH 8:28 Maarre inni isaaniin, «Isin yennaa Ilma Namaa muka irratti ol fuutane, ani eennu akka te'e hin beettan; achiin duuba baallii tiyyaan womaa akka ani hin goone hin beettan; ammoo waan Abbaan akka ani jedhu na barsiise qofaa jedha.
JOH 8:29 Ka na erge na woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne» jedhe.
JOH 8:30 Akkuma Yesuus tana dubbateen worri hedduun isatti dhugeeffate.
JOH 8:31 Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, «Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya;
JOH 8:32 isin dhugaa hin beettan; dhugaalle bilisa isin hin baatti» jedhe.
JOH 8:33 Isaan deebisanee, «Nuuti sanyii Abrahaamii ti; ijjumaa eennulle'eef garboolee teenee hin beennu. Ati, ‹Bilisa baatan› jechuun keeti maan jechu'u ree?» jedhane.
JOH 8:34 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; ka cubbuu huju martinuu garbicha cubbu'uu ti.
JOH 8:35 Garbichi yennaa mara maatii goottaa ifii woliin hin le'u; ilmi ammoo yennaa mara maatii san woliin le'a.
JOH 8:36 Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan.
JOH 8:37 Akka isin sanyii Abrahaamii teetane ani hin beeka. Te'uu malee isin jecha kiyya waan hin fudhatiniif, na ijjeesiisaaf barbaaddan.
JOH 8:38 Ani waan Abbaa kiyya biratti dhagge dubbadha; isin ammoo waan abbaa keessan irraa dhageettane gootan» jedhe.
JOH 8:39 Isaan deebisanee, «Abbaan keenna Abrahaam» jedhaneen. Yesuus deebisee, «Isin dhugumaan ijoollee Abrahaamii adoo teetanee, hujii Abrahaam huje hin hujjaniiyyu.
JOH 8:40 Isin ana nama dhugaa Waaqa irraa dhage'ee isinitti hime ijjeesiisaaf barbaaddan. Abrahaam waan akkanaa hin goone.
JOH 8:41 Isin waan abbaan keessan huju hujatiisatti jirtan» jedhe. Isaan deebisanee, «Nuuti ijoollee abbeera'aatii moti; Abbaan nuuti qannu Waaqa tokkocha qofa» jedhane.
JOH 8:42 Yesuus isaaniin, «Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, na hin jaalattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne.
JOH 8:43 Waan ani jedhu isin maaf hin hubanne? Wonni hubatiisa dhaddanuuf, Jecha kiyya dhage'iisaaf hin dandeettanu.
JOH 8:44 Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin jiru. Inni dharaamessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata.
JOH 8:45 Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf, isin natti hin dhugeeffattanu.
JOH 8:46 Isin keessaa nami yakkaa cubbu'uu natti muru eennu? Ani dhugaa yoo dubbadhu, isin maaf ana hin dhugeeffanne ree?
JOH 8:47 Ka Waaqaa ka te'e, jecha Waaqaa hin dhage'a. Te'uu malee, isin ka Waaqaa waan hin te'iniif, hin dhageettanu» jedhe.
JOH 8:48 Yihudooti deebisanee, «Ati nama samaariya'aa ti; durriisalle ifi keessaa qadda jechuun keenna dhuga'aa motii?» Yesuusiin jedhane.
JOH 8:49 Yesuus deebisee, «Ani durriisa ifi keessaa hin qabu. Ani abbaa kiyya ulfeessa; isin ammoo na hin ulfeessitanu.
JOH 8:50 Ani ulfinna ifiif hin barbaadu. Ka ulfinna naaf barbaadu ammoo hin jira; ka murulle isa.
JOH 8:51 Ani dhugumaan isinitti hima; nami jecha kiyya eegatu marti ijjumaa hin du'u» jedhe.
JOH 8:52 Yihudooti isaan, «Nuuti amma dhugumaan akka ati durriisa ifi keessaa qaddu beenneerra! Abrahaam du'eera; raagotille du'aneeran; ati ammoo, ‹Nami jecha kiyya eegatu ijjumaa hin du'u› jetta.
JOH 8:53 Ati abbaa keenna Abrahaam hin caaltaa? Inni du'eera; raagotille du'aneeran. Ati eennu ifi seeta?» jedhane.
JOH 8:54 Yesuus deebisee, «Ani yoo ifi ulfeesse, ulfinni sun gatii hin qabu. Ka ana ulfeessu Abbaa kiyya, ka isin Waaqa keenna jettanu.
JOH 8:55 Te'uu malee isin isa hin beettanu; ani ammoo isa hin beeka. Ani yoo isa hin beeku jedhe, akkuma keessan dharaamessa te'a. Ani ammoo isa beeka, jecha isaalle hin eegadha.
JOH 8:56 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa dhufa tiyyaa dhaggiisaaf gammade; dhaggeelle gammade» jedhe.
JOH 8:57 Yihudooti isaan, «Ati woggaa shantamaayyuu adoo hin geyin, Abrahaam dhaggitee?» jedhane.
JOH 8:58 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; Abrahaam adoo hin dhalatinuu Ani ‹Ana›» jedhe.
JOH 8:59 Maarre isaan isa tumiisaaf dhakaa fudhatane; Yesuus ammoo ifi dhossee Galma Waaqaatii bayee deeme.
JOH 9:1 Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te'ee dhalateeru tokko dhagge.
JOH 9:2 Barattooti isaa, «Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane.
JOH 9:3 Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te'e.
JOH 9:4 Adoo guyya'aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa.
JOH 9:5 Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe.
JOH 9:6 Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee,
JOH 9:7 «Dhaqiitii haroo Siilo'aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo'aam» jechuun ka ergame jechu'u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi'ee dhufe.
JOH 9:8 Ollooti isaatii fi kolbaan tanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, «Namichi kun ka tee'ee kadhatuu motii?» jedhanee gaafatane.
JOH 9:9 Gariin, «Isuma» jedhane; ka dhibiin ammoo, «Waawwo'o, isa fakkaata malee, isaa moti» jedhane. Namichi ammoo, «Ani isuma» jedhe.
JOH 9:10 Isaan, «Ilti teeti attamiin banante ree?» jedhanee isa gaafatane.
JOH 9:11 Inni deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu natti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e» jedhe.
JOH 9:12 Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Ani hin beeku» jedhe.
JOH 9:13 Achiin duuba isaan namicha dur balla'aa kaan gara Fariisaayotaa geessane.
JOH 9:14 Guyyaan Yesuus biyyee dhoqqeessee ila namicha balla'aa fayyise sun guyyaa Sanbataa ti.
JOH 9:15 Fariisaayotille attam akka inni dhagguu dande'e namicha gaafatane. Namichi deebisee, «Yesuus dhoqqee ila tiyya dibe; ani dhiqadhee, amma dhagguu dande'e!» jedhe.
JOH 9:16 Fariisaayoti gariin, «Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u» jedhane. Worri kuun ammoo, «Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?» jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqoodam te'e.
JOH 9:17 Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, «Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?» jedhanee gaafatane. Namichi deebisee, «Inni raaga'a» jedhe.
JOH 9:18 Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne.
JOH 9:19 Maarre isaan worraan, «Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?» jedhanee gaafatane.
JOH 9:20 Worri isaa deebisee, «Akka inni ilma keenna te'e, ballaa te'eelle akka dhalate hin beenna.
JOH 9:21 Amma ammoo attamiin akka inni dhagguu dande'e, yookiin eennu ila isaa akka bane nuuti hin beennu. Inni nama gudda'a, ifumaafuu dubbatuu hin dande'a; isa gaafadha'a!» jedhane.
JOH 9:22 Nami akka Yesuus Masiihii te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe.
JOH 9:23 Waan kanaaf worri isaa, «Inni nama gudda'a; isa gaafadha'a!» jedhane.
JOH 9:24 Isaan namicha dur ballaa te'ee dhalate lammeessoo waamanee, «Ati Waaqa ulfeessii dhugaa dubbadhu! Namichi kun akka cubbaalessaa nuuti hin beenna» jedhaneen.
JOH 9:25 Namichi deebisee, «Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga» jedhe.
JOH 9:26 Isaan, «Inni maan sii godhe? Inni attamiin ila teeti bane?» jedhanee gaafatane.
JOH 9:27 Inni deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?» jedhe.
JOH 9:28 Isaan isa arrassanee, «Si'ittuu barataa isaa ti; nuuti ammoo barattoota Muuse'ee ti.
JOH 9:29 Nuuti akka Waaqi Muuse'etti dubbateeru hin beenna; namichi kun ammoo, inni eessaa akka dhufeeyyuu hin beennu!» jedhaneen.
JOH 9:30 Namichi deebisee, «Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane!
JOH 9:31 Waaqi cubbaaleyyi'iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage'a.
JOH 9:32 Nama ballaa te'ee dhalate tokko ka ila bane jira jedhamuun, haga biyyi lafaa dadantee ijjumaa dhage'antee hin beettu.
JOH 9:33 Nami kun Waaqa biraa adoo dhufuu dhabaatee, waan tokkolle godhuu hin dande'uuyyu» isaaniin jedhe.
JOH 9:34 Isaan, «Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?» jedhanee gussanee gad isa baasane.
JOH 9:35 Yesuus akka isaan namicha gussanee gad baasane dhage'ee, yennaa isa dhagge, «Ilma Namaatitti hin dhugeeffattaa?» jedhee isa gaafate.
JOH 9:36 Namichi deebisee, «Goottaa kiyya, kam inni? natti himi, itti dhugeeffadhaa!» jedheen.
JOH 9:37 Yesuus isaan, «Ati duruu isa dhaggiteerta, ka amma si woliin dubbatiisatti jiruuyyu isa» jedhe.
JOH 9:38 Namichi, «Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha» jedhee isaa sagade.
JOH 9:39 Yesuus, «Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te'u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe» jedhe.
JOH 9:40 Worra Fariisaayotaa ka isa woliin achi jiranu keessaa gariin isaa tana jedhu dhage'anee, «Dhugumaan nuutilleen balloota jechuu keetii ree?» jedhanee isa gaafatane.
JOH 9:41 Yesuus isaaniin, «Isin balloota adoo teetanee, silaa yakkaa hin qaddanuuyyu; amma ammoo hin dhaggina waan jettanuuf, isin yakkaameyyi'i» jedhe.
JOH 10:1 Yesuus, «Ani dhugaa isinitti hima, nami gara gooree hoolotaa balbalaan adoo hin te'in, karaa dhibi'iin yaabee seenu, hattu'uu fi saamtu'u.
JOH 10:2 Nami gara gooree hoolotaa balbalaan seenu ammoo, tissee hoolotaa ti.
JOH 10:3 Ka balbala eegu balbala isaaf hin bana. Hoolotille qoonqoo isaa hin dhage'an. Inni hoolota ifii maqa'aan waamaa, dura deemaa gad baasa.
JOH 10:4 Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan.
JOH 10:5 Isaan qoonqoo ormaa waan hin beenneef, irraa baqatan malee, isa hin hordofanu» jedhe.
JOH 10:6 Yesuus mammaassa kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni jedhe hin hubanne.
JOH 10:7 Yesuus ammalle, «Ani dhugaa isinitti hima: balbalti hoolotaa ana.
JOH 10:8 Worri dhibiin ka anaan dura dhufe marti hattu'uu fi saantu'u, hooloti ammoo isaan hin dhageettu.
JOH 10:9 Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata.
JOH 10:10 Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleessiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firinxiixxuu akka qabaattuuf dhufeera» jedhe.
JOH 10:11 Yesuus, «Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna.
JOH 10:12 Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittinneessiti.
JOH 10:13 Namichi qaxaramee tissu, waan qaxaramee tissuuf, hoolotaafille waan hin rakkaneef lakkisee dheeta.
JOH 10:14 Tisseen dansaan ana. Akkuma Abbaan na beeku, anilleen isa beeka; akkuma ani hoolota tiyya beeku, isaanille na beekan. Anille isaaniif lubbuu tiyya dabarsee kenna.
JOH 10:16 Ani hoolota dhibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha.
JOH 10:17 «Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata.
JOH 10:18 Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe» jedhe.
JOH 10:19 Sababa jecha kanaatiif ammalle Yihudooti yaadaan gargar qoqoodante.
JOH 10:20 Isaan keessaa nami hedduun, «Inni durriisa ifi keessaa qaba! Inni maraata'a! Isin maaf isa dhageettan?» jedhane.
JOH 10:21 Worri dhibiin ammoo, «Tun dubbii nama durriisa ifi keessaa qabuutii moti! Durriisi ballaa ila banuu dande'aa?» jedhane.
JOH 10:22 Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilifamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna.
JOH 10:23 Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabii Solomoon jala deddeebi'u keessa ideemiisatti jiruun,
JOH 10:24 Yihudooti isa marsitee, «Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti himi: Ati Masiihii?» jedhanee gaafatane.
JOH 10:25 Yesuus deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju naaf dhugaa baati;
JOH 10:26 isin ammoo hoolee tiyya waan hin te'iniif, hin dhugeeffattanu.
JOH 10:27 Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan.
JOH 10:28 Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande'u.
JOH 10:29 Abbaan kiyya, ka isaan naaf kenne waan mara caala, eennulle dande'ee harka Abba'aatii isaan hin butu.
JOH 10:30 Abba'aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
JOH 10:31 Achiin duuba Yihudooti dhaka'aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte.
JOH 10:32 Yesuus deebisee, «Ani hujii dansaa hedduu Abbaan natti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhaka'aan na tumiisaaf barbaaddan?» jedhe.
JOH 10:33 Yihudooti deebisanee, «Wonni nuuti dhaka'aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle'eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota» jedhaneen.
JOH 10:34 Yesuus deebisee, «Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‹Isin waaqota› ka jedhe barreeffanteertii motii?
JOH 10:35 Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‹Isin waaqota› yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te'e,
JOH 10:36 ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‹Waaqa faanshessita› attam jettan ree?
JOH 10:37 Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te'e, natti hin dhugeeffatina'a.
JOH 10:38 Yoo ani huju te'e ammoo, natti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan na keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubattanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha'a» isaaniin jedhe.
JOH 10:39 Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe.
JOH 10:40 Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi'ee dhaqee, achi bubbule.
JOH 10:41 Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, «Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga'a» jedhane.
JOH 10:42 Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane.
JOH 11:1 Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le'u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maartaan le'anu.
JOH 11:2 Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta'aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi'ii ti.
JOH 11:3 Obboleettoti Alaazarii: «Gootta'a, nami ati jaalattu dhibameera» jedhanee Yesuusitti ergane.
JOH 11:4 Yesuus yennaa tana dhage'e, «Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du'ee akka hafuufii moti» jedhe.
JOH 11:5 Yesuus Maartaa, obboleettii isi'ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu.
JOH 11:6 Akka Alaazar dhibame dhage'ulle, addee jiru san guyyaa lama oole.
JOH 11:7 Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda'aa deebinee dhandha» jedhe.
JOH 11:8 Barattooti isaan, «Barsiisa'a, dhikoo tana Yihudooti dhaka'aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?» jedhaneen.
JOH 11:9 Yesuus deebisee, «Guyyaan tokko saatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya'aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu.
JOH 11:10 Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata» jedhe.
JOH 11:11 Yesuus tana jedheen duuba dabalee, «Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa» jedhe.
JOH 11:12 Barattooti isaa deebisanee, «Gootta'a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya» jedhane.
JOH 11:13 Yesuus akka Alaazar du'eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane.
JOH 11:14 Maarre Yesuus ifa tolchee, «Alaazar du'eera;
JOH 11:15 ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka'aa gara isaa dhandhaa!» isaaniin jedhe.
JOH 11:16 Toomaasiin Didimoos jedhamu barattoota dhibi'iin, «Kowaa me nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!» jedhe.
JOH 11:17 Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te'e dhagge.
JOH 11:18 Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetira sadii fagaatti;
JOH 11:19 Yihudooti hedduun Maarta'aa fi Maariyaam marroo du'a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran.
JOH 11:20 Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte.
JOH 11:21 Maartaan Yesuusiin, «Gootta'a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'uuyyu!
JOH 11:22 Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka» jette.
JOH 11:23 Yesuus, isi'iin, «Obboleessi keeti du'aa hin ka'a» jedhe.
JOH 11:24 Maartaan deebittee, «Guyyaa muumme'ee yennaa du'aa ka'iisaa, akka inni du'aa ka'u ani hin beeka» jette.
JOH 11:25 Yesuus, «Du'aa ka'iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du'ulle jiru'uun hin le'a;
JOH 11:26 Ka jiru'uun le'uu fi natti dhugeeffatu marti hin du'u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi'iin jedhe.
JOH 11:27 Isiin, «Ee Gootta'a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha» jetteen.
JOH 11:28 Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, «Barsiisaan as jira, si'ille waamiisatti jira» jetteen.
JOH 11:29 Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe.
JOH 11:30 Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu.
JOH 11:31 Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka'ane.
JOH 11:32 Maariyaam addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, «Gootta'a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'u» jetteen.
JOH 11:33 Yesuus bowiisa isi'iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka bowiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee,
JOH 11:34 «Eessatti awwaaltane?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Gootta'a, koyii ilaali» jedhanee deebisane.
JOH 11:35 Yesuus bowe.
JOH 11:36 Yihudooti, «Attam akka inni isa jaalate ilaala'a!» jette.
JOH 11:37 Isaan keessaa gariin ammoo, «Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande'uuyyuu?» jedhane.
JOH 11:38 Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru.
JOH 11:39 Yesuus, «Dhakaa irraa kaasa'a!» jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du'ee, «Gootta'a, inni haga du'ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!» jetteen.
JOH 11:40 Yesuus isi'iin, «Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?» jedhe.
JOH 11:41 Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, «Ee Abba'a, waan na dhageetteef, si galateeffadha.
JOH 11:42 Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe» jedhe.
JOH 11:43 Tana jedheen duuba, Yesuus, «Alaazar, as bayi!» jedhee qoonqoo guddo'oon waame.
JOH 11:44 Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya'aan maramee, gad baye. Yesuus, «Hiika'aatii lakkisa'a, deemuutii» isaaniin jedhe.
JOH 11:45 Yihudoota gara Maariyaamii dhufaneeranu keessaa hedduun waan Yesuus huje dhagganee, isatti dhugeeffatane.
JOH 11:46 Isaan keessaa gariin ammoo gara Fariisaayotaa dhaqanee waan Yesuus huje itti himane.
JOH 11:47 Maarre sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti kora murti'ii waamanee, «Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala'a! Maan goona?
JOH 11:48 Akkanumaan yoo isa lakkinne, nami maraa isatti hin dhugeeffata; worri Rooma'aalle dhufee Galma Waaqaa keennaa fi kolbaa teenna hin balleessa» jedhane.
JOH 11:49 Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te'eeru, «Isin ijjumaa wo hin beettanu;
JOH 11:50 kolbaan duudiin badu'uu mannaa, nami tokko kolba'aaf du'uun isiniif woyya; isin ijjumaa tana hin hubattanuu?» isaaniin jedhe.
JOH 11:51 Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te'eef, Yesuus kolbaa Yihudi'iitiif akka du'aaru raage.
JOH 11:52 Isaan qofaaf adoo hin te'in, kolbaa Waaqaa ta bittinnootte maralle wolitti rariisaaf du'a.
JOH 11:53 Guyyaa sanii jalqabanee Yihudooti baallii qabanu Yesuus ijjeesiisaaf mala dhowane.
JOH 11:54 Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efreem jedhamuu, ka goomole'een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule.
JOH 11:55 Yennaan Jila Irra Dabarama Yihudootaa dhikaatteertiiyyu; biyya keessaa namooti hedduun jilaan dura akka aadaa dhugeeffannaa isaaniititti ifi qulqulleessu'uuf gara Yerusaalemii ol bayane.
JOH 11:56 Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, «Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?» jedhanee wol gaafatane.
JOH 11:57 Sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande'anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran.
JOH 12:1 Jila Irra Dabaramaatiif guyyaan jaan hafeeruun, Yesuus addee Alaazariin inni du'aa kaase le'u, Bitaaniyaa dhaqe.
JOH 12:2 Isaan achitti irbaata isaaf qopheessanee, Maartaan areerte; worra Yesuus woliin achi addee nyaataa tetee'aneeranu keessaa tokkochi Alaazar.
JOH 12:3 Achiin duuba Maariyaam fiqiree gatii guddo'oo ta Naardoos qofa irraa hujante ta litirii takkaa hidha geettu fuutee, miila Yesuusii lamaanittuu naxxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Fiqqeessi fiqire'ee mana duudii guute.
JOH 12:4 Barattoota Yesuusii keessaa tokko ka te'e, Yihudaan nami biyya Keriyootii, ka isa dabarsee kennaaru,
JOH 12:5 «Fiqireen tun mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatu gurgurantee maaf hiyyeeyyi'iif hin kennamin?» jedhe.
JOH 12:6 Inni waan hattuu te'eef, tana jedhe malee, marroo hiyyeeyyi'iitiif jedheetii moti. Inni korojoo beese'ee ba'ata; beesee korojoo keessaalle fudhataa ture.
JOH 12:7 Yesuus ammoo, «Isiin guyyaa awwaala kiyyaatiif qophii goote waan te'eef, isii dhiisa'a.
JOH 12:8 Namooti Hiyyeeyyiin yennaa maraa isin woliin jiran, ani ammoo yennaa maraa isin woliin hin jiraadhu» jedhe.
JOH 12:9 Worra Yihudootaa keessaa Kolbaan hedduun Yesuus Bitaaniyaa akka jiru beette; maarre Yesuus qofaaf adoo hin te'in Alaazarii inni du'aa kaaselle dhaggiisaaf achi dhaxxe.
JOH 12:10 Sooreyyiin hayyootaa ammoo Alaazarille ijjeesiisaaf itti malane;
JOH 12:11 sababille Yihudooti hedduun sababa Alaazariitiif isaan lakkisanee Yesuusitti waan dhugeeffataneef.
JOH 12:12 Boruyyaa Gumiin guddoon Jila Irra Dabaramaatiif dhutteertu Yesuus gara Yerusaalemii akka dhufiisatti jiru dhageette.
JOH 12:13 Maarre dameelee meexxi'ii qabattee, qoonqoo guddo'oon, «Hosaa'inaa! Mootiin Israa'elii ka maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame!» jedhaa isa fudhatiisaaf baate.
JOH 12:14 Yesuus ilmayyoo harre'ee tokko dhaggee irra tee'e. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
JOH 12:15 «Kolbaa Yerusaalemii, hin sodaatina'a! Mootiin keessan kunoo ilmayyoo harre'ee irra tee'ee dhufa» jedhu.
JOH 12:16 Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane.
JOH 12:17 Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du'aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te'e dhugaa bayaa turte.
JOH 12:18 Bilbaasa kana akka inni tolche waan dhageetteertuuf gumiin isa fudhatiisaaf baate.
JOH 12:19 Kanaaf Fariisaayoti, «Ilaala'a, nuuti womaa godhuu hin dandeenne! Kunoo, biyyi lafaa duudiin isa hordofaarti!» woliin jedhane.
JOH 12:20 Worra yennaa jilaa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqaneeranu keessaa gariin Giriikoota.
JOH 12:21 Isaan gara nama Betsayidaa Galiilaa keessa jirtuu, gara Filiphoosii dhaqanee, «Gootta'a, nuuti Yesuus dhaggiisaaf barbaanna» jedhaneen.
JOH 12:22 Filiphoos dhaqee Indiryaasitti hime; Filiphoosii fi Indiryaas lamaaniin dhaqanee Yesuusitti himane.
JOH 12:23 Yesuus deebisee, «Yennaan Ilmi Namaa ulfaatu amma geetteerti.
JOH 12:24 Ani dhugaa isinitti hima: Midhaan qamadi'ii yoo lafa bu'ee du'e malee, tokkochuma te'ee hafa. Yoo du'e ammoo, midhaan hedduu buusa.
JOH 12:25 Nami jiruu ifii jaalatu jiruu ifii hin dhaba; nami biyya lafaa tana keessatti jiruu ifii jibbu ammoo jiruu bara baraatiif isii eegata.
JOH 12:26 Nami na tajaajiluu barbaadu na hordofuu ti; tanaaf tajaajilaan kiyyalle na woliin addee ani jiru hin jiraata. Nama na tajaajilu Abbaan kiyyalle hin ulfeessa» jedhe.
JOH 12:27 Yesuus itti dabalee, «Amma lubbuun tiyya rakkatteerti, ani maan jedha? ‹Abba'a, yennaan tun akka natti hin dhunne oolchi jedha moo?› Akkas akka hin jenne yennaa rakkinnaa tanaaf dhufe.
JOH 12:28 Abba'a, maqaa keeti ulfeessi!» jedhe. Achiin duuba qoonqoon ol gubba'aa dhuttee, «Ulfeesseera, ammalle hin ulfeessa» jette.
JOH 12:29 Gumiin achi dhaabbattee qoonqoo tana dhageette keessaa gariin, «Wonni mandiisu'u» jette; worri kuun, «Ergamaa Waaqaatitti isatti dubbate» jedhe.
JOH 12:30 Yesuus ammoo isaaniin, «Qoonqoon tun isiniif jettee dubbatte malee, anaafii moti.
JOH 12:31 Yennaan biyya lafaa tanatti murantu amma; bulchaan biyya lafa tanaa Seexanni amma hin gatama.
JOH 12:32 Ani Yennaa lafa tana irraa ol kaafame, nama maraa gara kiyya harkisa» jedhe.
JOH 12:33 Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru mudhisiisaaf tana jedhe.
JOH 12:34 Gumiin deebittee, «Masiihiin haga bara baraa akka jiraatu seera keenna irraa dhageenneerra. Ati attamiin Masiihiin ol kaafamuu qaba jetta ree? Ilmi namaa kun eennu inni?» jetteen.
JOH 12:35 Yesuus deebisee, «Ifi yennaa gabaaddu'uuf isin woliin hin jiraata. Dukkanti akka isin hin dhaqqanne, ifa adoo qaddanuu ideema'a; nami dukkanaan deemu eessa akka deemiisatti jiru hin beeku.
JOH 12:36 Ijoollee ifaa akka teetanuuf, adoo ifa qaddanuu, ifatti dhugeeffadha'a» jedheen. Yesuus tana dubbateen duuba, biraa ideemee isaan duralle'ee ifi dhosse.
JOH 12:37 Yesuus addee isaan jiranutti bilbaasota kana mara hujulle, isaan isatti hin dhugeeffanne.
JOH 12:38 Dubbiin raagichi Isaayaas, «Gootta'a, eennutti waan nuuti itti hinne dhugeeffate? Hunni Gootta'aa eennutti mudhatte?» ka jedhe akka muummottuuf tun teete.
JOH 12:39 Maarre isaan dhugeeffatiisa hin dandeenne, sababille Isaayaas addee dhibiille'etti,
JOH 12:40 «Ilti isaanii akka hin dhaggine, gadhaan isaaniille akka hin hubanne, gara isaalle deebi'anee akka hin fayyine, Waaqi ila isaanii jaamseera; gadhaa isaaniille jabeesseera jedha» jedheera.
JOH 12:41 Isaayaas ulfinna Yesuusii waan dhaggeef tana jedhee marroo isaa dubbate.
JOH 12:42 Te'uu malee, Yihudooti worri baallii qabanu hedduun Yesuusitti dhugeeffatane; ammoo Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa nu baasan jedhanee, Fariisaayota waan sodaataneef, isatti dhugeeffatuu isaanii ifa baasanee hin dubbanne.
JOH 12:43 Isaan ulfinna Waaqa irraa dhaggachuu caalaa ulfinna nama irraa dhaggachuu jaalatane.
JOH 12:44 Yesuus qoonqoo guddo'oon, «Nami natti dhugeeffatu ka na ergelle'etti dhugeeffata malee na qofatti hin dhugeeffatu.
JOH 12:45 Nami na dhaggu ka na ergelle hin dhagga.
JOH 12:46 Ka natti dhugeeffatu marti dukkana keessatti akka hin hanneef, ani ifa te'ee gara biyya lafaa dhufeera.
JOH 12:47 Nama jecha kiyya dhage'ee hin eeganetti ka muru anaa moti; ani biyya lafaa fayyisiisaaf dhufe malee, itti muriisaaf hin dhunne.
JOH 12:48 Nama na didee Jecha kiyya hin fudhannetti ka muru hin jira. Jecha ani dubbadhettuu gaafa guyyaa dhumaa itti mura.
JOH 12:49 Ani baallii tiyyaan hin dubbanne; ammoo Abbaa na ergetti waan ani jedhee dubbadhu na ajaje.
JOH 12:50 Ajaji isaa kun gara jiruu bara baraa akka geessu ani hin beeka. Maarre wonni ani dubbadhu, waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti hime» jedhe.
JOH 13:1 Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba'aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te'ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme'eetittille isaan jaalate.
JOH 13:2 Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera.
JOH 13:3 Yesuus akka Abbaan baallii guutuu isaa kenneeru beeke; akka Waaqa biraa dhufee fi gara Waaqaalle akka deemu beeke.
JOH 13:4 Maarre inni irbaata irraa ka'ee, woyaa lafa keyatee, fooxaa ittiin haxowanu hidha ifiititti marate.
JOH 13:5 Achiin duuba inni bisaan qorii itti dhiqatanutti cossee, miila barattoota ifii dhiqee fooxaa hidha ifiititti marateeruun haxowe.
JOH 13:6 Simoon Pheexroos bira geyee jennaan, Simoon Pheexroos, «Gootta'a, sitti miila kiyya dhiqaa?» jedheen.
JOH 13:7 Yesuus isaan, «Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta» jedhe.
JOH 13:8 Pheexroos deebisee, «Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!» jedheen. Yesuus deebisee, «Yoo ani miila keeti hin dhiqin, na biraa qooda hin qaddu» jedheen.
JOH 13:9 Simoon Pheexroos deebisee, «Gootta'a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!» jedheen.
JOH 13:10 Yesuus deebisee, «Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti» jedheen.
JOH 13:11 Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, «Isin marti qulqullu'uu moti» jedhe.
JOH 13:12 Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi'ee tee'ee, «‹Waan ani isinii godhe hubattanee?› jedhee gaafate.
JOH 13:13 ‹Barsiisa'a, Goottaalle› jettanee na waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san.
JOH 13:14 Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila keessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan.
JOH 13:15 Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te'eera.
JOH 13:16 Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu.
JOH 13:17 Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane.
JOH 13:18 «Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‹Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee natti ka'e!› jedhu muummowuu qaba.
JOH 13:19 Yennaa inni muummowe, isin akka Ani Isa te'e akka dhugeeffattanuuf, adoo inni hin te'in dura amma ani tana isinitti hima.
JOH 13:20 Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu na fudhata; nami na fudhatulle ka na erge fudhata» isaaniin jedhe.
JOH 13:21 Yesuus tana dubbateeruun duuba, yaada ifiitiin rakkatee, «Ani dhugaa isinitti hima: Isin keessaa tokkochi dabarsee na hin kenna» jedhee ifa tolchee dubbate.
JOH 13:22 Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane.
JOH 13:23 Barattoota keessaa tokko, ka Yesuus isa jaalatu, Yesuusitti aanee tee'eeraayyu.
JOH 13:24 Simoon Pheexroos, barataa sanitti qiphifatee, «Marroo eennuutiif akka Yesuus dubbatiisatti jiru gaafadhu» jedheen.
JOH 13:25 Maarre tanaaf barataan sun ittuma Yesuusitti hiiqee, «Gootta'a, eennu inni?» jedhee gaafate.
JOH 13:26 Yesuus deebisee, «Ka ani cassaa daabbo'oo tana unata keessa cuuphee tuuqachiisu isa» jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise.
JOH 13:27 Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, «Waan hujaartu dafii huji!» jedheen.
JOH 13:28 Worra irbaata irra jiru san keessaa Yesuus maaf tana akka isaan jedhe nami tokkolle ka beeke hin jiru.
JOH 13:29 Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane.
JOH 13:30 Yihudaan cassaa daabbo'oo fudhatee yoosuma gad baye. Yennaan sun halkan.
JOH 13:31 Yihudaan gad bayeen duuba, Yesuus, «Ilmi Namaa amma ulfaateera; Waaqille isaan ulfaateera.
JOH 13:32 Waaqi isaan yoo ulfaate, Waaqille isa hin ulfeessa; ariifateelle isa hin ulfeessa.
JOH 13:33 Ijoollee tiyya, ani yennaa guddoo isin woliin hin jiraadhu. Isin na barbaadu'uuf jirtan; ani ammoo, ‹Addee ani dhaqiisatti jiru isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedhee waanuma Yihudoota baallii qabanutti hime amma isinitti hima.
JOH 13:34 Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha'a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a.
JOH 13:35 Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.
JOH 13:36 Simoon Pheexroos, «Gootta'a, eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, «Addee ani dhaqaaru amma na hordottee hin dandeettu; duuba ammoo ana hin hordotta» jedheen.
JOH 13:37 Pheexroos, «Gootta'a, amma si hordofiisa maaf hin dandeenne? Ani lubbuu tiyyalle si'iif dabarsee hin kenna» jedheen.
JOH 13:38 Yesuus deebisee, «Ati dhugumaan lubbuu teeti naaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedheen.
JOH 14:1 Yesuus barattoota ifiitiin, «Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha'a; analle'etti dhugeeffadha'a!
JOH 14:2 Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto'oo heddu'utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu.
JOH 14:3 Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi'ee dhufee isin fudhadha.
JOH 14:4 Karaa addee ani dhaqaaru geessu san isin hin beettan» jedhe.
JOH 14:5 Toomaas isaan, «Gootta'a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?» jedhe.
JOH 14:6 Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga'aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba'aa hin dhufu.
JOH 14:7 Adoo na beettanee jiraattanee Abbaa kiyyalle hin beettaniiyyu. Ammaan jalqaddanee isa hin beettan, isalle dhaggitaneertan» jedheen.
JOH 14:8 Filiphoos isaan, «Gootta'a, Abbaa nu'utti mudhisi; sun nu geetti» jedheen.
JOH 14:9 Yesuus deebisee, «Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee'eera; Filiphoos! Ati haga ammaa na hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‹Abbaa nu'utti mudhisi› jetta ree?
JOH 14:10 Filiphoos! Akka ani Abba'aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, na keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja.
JOH 14:11 Ani Abba'aan, Abbaalle anaan akka jiru yennaa ani dubbadhe na dhugeeffadha'a. Yookiin sababa waan Ani hujeetiif natti dhugeeffadha'a.
JOH 14:12 Ani dhugaa isinitti hima: Nami natti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba'aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja.
JOH 14:13 Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan gaafattane mara, ani hin godha.
JOH 14:14 Waan mara maqaa kiyyaan yoo na gaafattane, ani hin godha» jedhe.
JOH 14:15 Yesuus deebisee, «Isin yoo na jaalattane, ajaja kiyya hin eeggattan.
JOH 14:16 Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna.
JOH 14:17 Inni Ayyaana dhuga'aa ti. Biyyi lafaa waan isa hin dhaggineef yookiin isa hin beenneef, isa hin fudhattu. Isin ammoo waan inni isin keessaa fi isin woliin jiraatuuf, isa hin beettan.
JOH 14:18 «Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi'ee gara keessan hin dhufa.
JOH 14:19 Yennaa diqqo'oon duuba biyyi lafaa deebitee na hin dhaggitu; isin ammoo na hin dhaggitan; ani jiraataa waan te'eef, isinille hin jiraattan.
JOH 14:20 Ani Abbaa kiyyaan, isin anaan, anille isiniin akka jiru, guyyaa san hin beettan.
JOH 14:21 «Nami na jaalatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaalatu hin jaalata; anille isa hin jaaladha, ifille isatti hin mudhisa» jedhe.
JOH 14:22 Yihudaa nama biyya Keriyootii adoo hin te'in, Yihudaan dhibiin, «Gootta'a, biyya lafaatitti adoo hin te'in, attamiin nu'utti ifi mudhitta?» jedhe.
JOH 14:23 Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena.
JOH 14:24 Nami na hin jaalanne Jecha kiyya hin eegatu. Jechi isin dhageettanu kun, ka Abbaa na ergeeti malee, kiyyaa moti.
JOH 14:25 «Ani amma adoo isin woliin jiruu tana isinitti himeera.
JOH 14:26 Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaabachiisa.
JOH 14:27 «Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e.
JOH 14:28 ‹Ani deemaara, ammoo deebi'ee gara keessan hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo na jaalattanu teetee, Abbaan na waan caaluuf, gara Abba'aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu.
JOH 14:29 Tun yennaa teete akka dhugeeffattanuuf, duraan dursee adoo tun mara hin te'in, amma isinitti himeera.
JOH 14:30 Ka biyya lafaa tana bulchu Seexanni waan dhufiisatti jiruuf, kanatti dabalee yoona guddoo isin woliin hin dubbadhu. Inni na irratti hunna hin qabu;
JOH 14:31 ammoo akka ani Abbaa jaaladhu biyyi lafaa akka beettuuf, waan Abbaan na ajaje mara huja; ka'aa me addee tanaa deennaa» jedhe.
JOH 15:1 Yesuus, «Muki woyni'ii dhugichi Ana; ka dhaabee guddisu Abbaa kiyya.
JOH 15:2 Damee natti jirtu ta midhaan hin buunne mara inni muree hin gata; dameen midhaan buuttu ammoo caalchitte akka midhaan buuttuuf, qaccee kutee qulqulleessa.
JOH 15:3 Jecha ani isinitti dubbadheen isin ammumaayyuu qulqulloontaneertan.
JOH 15:4 Anaan jiraadha'a, anille isiniin hin jiraadha. Dameeleen ifumaan midhaan buuttee hin dandeettu; muka woyni'iititti yoo jiraatte qofa midhaan buutti. Akkasuma isinille yoo anaan hin jiraatin midhaan buusuu hin dandeettanu.
JOH 15:5 «Ani muka woyni'ii ti, isin dameele'e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu.
JOH 15:6 Ka anaan hin jiraanne mara akka dameele'ee gatamee goga; dameeleen akkasii wolitti qabantee ibiddatti gatantee gubanti.
JOH 15:7 Isin yoo anaan jiraattane, jechi kiyyalle isin keessa yoo jiraate, waan feetane mara yoo gaafattane hin dhaggattan.
JOH 15:8 Midhaan hedduu isin buuttanuun Abbaan kiyya ulfaata; barattoota tiyya te'uu keessanille mudhittan.
JOH 15:9 Akkuma Abbaan kiyya na jaalate anille isin jaaladhe; jaalala kiyyaan jiraadha'a.
JOH 15:10 Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegadhe jaalala isaatiin jiraadhu, isinille ajaja kiyya yoo eegattane, jaalala kiyyaan hin jiraattan.
JOH 15:11 «Gammadi kiyya isin keessa akka jiraatuuf, gammadi keessanille guutuu akka te'uuf tana dubbadhe.
JOH 15:12 Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a.
JOH 15:13 Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.
JOH 15:14 Waan ani isin ajaje yoo gootane isin jaalota tiyya.
JOH 15:15 Haganaa achi garboota tiyya isiniin hin jedhu, sababille garbichi waan goottaan isaa godhu hin beeku. Ani waan Abbaa kiyya irraa dhage'e mara waan isinitti himeeruuf, jaalota tiyya isiniin jedheera.
JOH 15:16 Anatti isin filate malee, isin na hin filanne. Isin dhaxxanee midhaan jiraatu hedduu akka buuttanu, ani isin muudeera. Maarre waan maqaa kiyyaan gaafattane mara Abbaan kiyya isiniif hin kenna.
JOH 15:17 Eegasuu ani akka isin wol jaalattanuuf isin ajaja» jedhe.
JOH 15:18 «Biyyi lafaa yoo isin jibbite, isiniin duraa akka na jibbiteertu beeka'a.
JOH 15:19 Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi'ii ka te'e silaa hin jaalattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te'inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti.
JOH 15:20 Jecha ani, ‹Garbichi goottaa ifii hin caalu› jedhee isinitti hime qaabadha'a. Na miidhanee yoo jiraatane, isinille hin miidhan; Jecha kiyyaaf ajajamanee yoo jiraatane, jecha keessanille'eef hin ajajaman.
JOH 15:21 Isaan ka na erge waan hin beenneef, isinille kiyya waan teetaneef, kana mara isin irratti godhan.
JOH 15:22 Adoo ani dhufee isaanitti hin dubbatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu. Amma ammoo cubbuu ifiitiif sababa dhikeeffatanu hin qabanu.
JOH 15:23 Nami na jibbu Abbaa kiyyalle hin jibba.
JOH 15:24 Adoo hujii nami dhibiin ijjumaa hujee hin beenne odduu isaaniititti hin hujatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu; amma ammoo isaan waan ani huje adoo dhagganeeranuu, anaa fi Abbaa kiyyalle jibbane.
JOH 15:25 Kunille, ‹Sababuma malee na jibbane› jedhamee jechi Seera isaanii keessatti barreeffame akka muummowuuf te'e.
JOH 15:26 «Ani Ayyaana dhuga'aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni naaf dhugaa hin baya.
JOH 15:27 Isinille jalqabaa jalqaddanee na woliin waan jirtanuuf, dhugaa hin baatan» jedhe.
JOH 16:1 Yesuus, «Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime.
JOH 16:2 Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti.
JOH 16:3 Isaan waan Abbaa yookiin na hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan.
JOH 16:4 Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabattanuuf tana isinitti hime. «Ani isin woliin waan jiruuf, jalqaba irratti dubbii tana isinitti hin hinne» jedhe.
JOH 16:5 Yesuus, «Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‹Eessa dhaqaarta?› jedhee na hin gaafatu.
JOH 16:6 Ani waan tana isinitti himeef ammoo, gadhaan keessan gaddaan guutameera.
JOH 16:7 Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga.
JOH 16:8 Inni yennaa dhufe, marroo cubbu'uu, marroo balchumma'aatii fi marroo mura'aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa.
JOH 16:9 Isaan waan natti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu'uu inni isaanitti hin mudhisa;
JOH 16:10 Ani gara Abba'aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan na hin dhaggineef, inni marroo balchumma'aa hin mudhisa.
JOH 16:11 Bulchaa lafa tanaatitti waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura'aa mudhisa.
JOH 16:12 «Ani waan hedduu isinitti himu qaba, amma ammoo qalbeeffatiisa hin dandeettanu.
JOH 16:13 Ayyaanni dhuga'aa yennaa dhufe, inni gara dhuga'aa mara isin hin geessa. Inni ifirraa fuudhee hin dubbatu, ammoo waan dhage'ee fi waan dhufu'uu jiru dubbata.
JOH 16:14 Inni waanuma ani jedhu fuudhee waan isinitti himuuf, ulfinna naaf hin kenna.
JOH 16:15 Wonni Abbaan qabu martinuu tiyya; tanaaf ani, ‹Ayyaanni Woyyichi waanuma ani jedhe fuudhee isinitti hima› jedhee isinitti dubbadhe.
JOH 16:16 «Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan» jedhe.
JOH 16:17 Barattoota isaa keessaa gariin, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan; akkasuma inni ani gara Abba'aalle waan deemuuf› nu'uun jechuun isaa kun maan?» jedhanee wol gagaafatane.
JOH 16:18 Ittuma deebi'anee, « ‹Yennaa diqqoo› jechuun kun maan? Marroo maanii akka inni dubbatiisatti jiru nuuti hin beennu» jedhane.
JOH 16:19 Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan› waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii?
JOH 16:20 Ani dhugaa isinitti hima: isin waacittanee boottan, biyyi lafaa ammoo hin gammaddi; isin hin gadditan, gaddi keessan ammoo gara gammadaa hin jijjiirama.
JOH 16:21 Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniinsu'uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa'imi dhalate ammoo, daa'imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti.
JOH 16:22 Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi'ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu.
JOH 16:23 «Guyyaa san, isin womaa na hin gaafattanu. Ani dhugaa isinitti hima: Waan isin maqaa kiyyaan Abbaa gaafattanu mara Abbaan isiniif hin kenna.
JOH 16:24 Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin gaafanne; gammadi keessan guutuu akka te'uuf, gaafadha'a hin fudhattan» isaaniin jedhe.
JOH 16:25 Yesuus, «Kana mara isinitti himiisaaf fakkeennaan dubbadheera. Yennaan ani fakkeennaan hin dubbanne hin dhutti; marroo Abba'aa ammoo ifa tolchee isinitti hima.
JOH 16:26 Guyyaa san, isin maqaa kiyyaan hin gaafattan; ani Abbaa isiniif gaafadha isiniin hin jedhu.
JOH 16:27 Isin waan ana jaalattaneef, akka ani Waaqa biraa dhufelle waan dhugeeffattaneef, Abbaanuu isin hin jaalata.
JOH 16:28 Ani Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufe; amma biyya lafaa lakkisee deebi'ee gara Abba'aa deemaara» jedhe.
JOH 16:29 Achiin duuba barattooti isaa, «Ati amma fakkeenna malee, ifa tolchitee dubbatiisatti jirta.
JOH 16:30 Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna» jedhaneen.
JOH 16:31 Yesuus deebisee, «Isin amma dhugeeffattaneertanii?
JOH 16:32 Yennaan isin qofi na lakkittanee namuu gara mana ifii bittinnowu dhufiisatti jirti; ammaayyuu dhutteerti; ani qofii tiyya hin hafa. Abbaan na woliin waan jiruuf, ani ammoo qofi hin jiru.
JOH 16:33 Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
JOH 17:1 Dubbii tana dubbateen duuba, Yesuus gara ol-gubba'aa ol ilaalee, «Abba'a, yennaan geetteerti. Ilmi keeti ulfinna akka sii kennuuf, Ilma keeti ulfeessi.
JOH 17:2 Sababille worra ati isaaf kennite maraaf, jiruu bara baraa akka kennuuf, ati kolbaa mara irratti baallii isaaf kenniteerta.
JOH 17:3 Jiruu bara baraa jechuun si Waaqa tokkocha dhugaamessaa fi Yesuus Kiristoosii ati ergite beekiisa.
JOH 17:4 Hujii ati akka ani hujuuf natti kennite muummessiisaan lafa irratti ani si ulfeesseera.
JOH 17:5 Abba'a! Ulfinnuma adoo biyyi lafaa hin dadamin dura ani si biratti qabu san, amma ifi biratti naaf kenni.
JOH 17:6 «Biyya lafaa keessaa worra ati naaf kenniteef maqaa keeti beessiseera. Isaan keetiiyyu, ati ammoo naaf kennite. Isaan jecha keeti eegataneeran;
JOH 17:7 amma isaan wonni ati naaf kennite maraa si biraa akka dhutte beekaneeran.
JOH 17:8 Jecha ati naaf kennite ani isaaniif kenneera; isaanille fudhataneeran; akka ani si biraa dhufe dhugumaan beekaneeran; akka ati na ergitelle dhugeeffataneeran.
JOH 17:9 «Ani isaaniif daadimadha; worri ati naaf kennite keeti waan te'aneef, isaaniif daadimadha malee, biyya lafaatiif hin daadimadhu.
JOH 17:10 Ka ani qabu maraa keeti, ka atille qaddu maraa kiyya; ulfinni kiyya isaaniin mudhata.
JOH 17:11 Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu'u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati naaf kennitelle tokko akka te'anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi.
JOH 17:12 Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati naaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummowuuf, isaan keessaa ilma badi'ii malee, tokkolle ka bade hin jiru.
JOH 17:13 Ani amma gara keeti dhufaara; isaan gammada kiyya guutuu akka qabaatanuuf, dubbii tana biyya lafaa keessatti dubbadha.
JOH 17:14 Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te'iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite.
JOH 17:15 Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu.
JOH 17:16 Akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaatii moti.
JOH 17:17 Jechi keeti dhuga'a; dhuga'aan isaan woyyoonsi.
JOH 17:18 Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergite, anille gara biyya lafaa isaan ergeera.
JOH 17:19 Isaan dhuga'aan ka woyyoomane akka te'anu, ani isaaniif jedhee ifi woyyoonsa.
JOH 17:20 «Worra dubbii isaanii dhage'ee natti dhugeeffatuufille gaafadha malee, isaan calla'aaf hin gaafadhu.
JOH 17:21 Ani akka isaan maraa tokko te'anu daadimadha. Abba'a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si'iin jiru, isaanille nu'uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha.
JOH 17:22 Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te'anuuf, ulfinnuma ati naaf kennite, anille isaaniif kenne.
JOH 17:23 Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te'anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaalatte, isaanille akka jaalatte akka beettuuf daadimadha.
JOH 17:24 «Abba'a! Ati isaan naaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaalatteef, ulfinna ati naaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada.
JOH 17:25 Abbaa balcha'a! Biyyi lafaa si hin beenne; ani ammoo si beeka; isaan kunille akka ati na ergite beekaneeran.
JOH 17:26 Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha» jedhe.
JOH 18:1 Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane.
JOH 18:2 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa hedduu achitti waan wol dhagganuuf, Yihudaan dabarsee isa kenne addee san hin beekaayyu.
JOH 18:3 Maarre Yihudaan loltoota worra Rooma'aa, eeddota Galma Waaqaa ka sooreyyii hayyootaatiin ergamanee fi Fariisaayota guuratee gara addee oorru'uu san dhaqe; isaan meya woraanaa hidhatanee faanosi'ii fi xassaa qabataneeran.
JOH 18:4 Yesuus waan itti dhufaaru beekee, gara duraa itti deemee, «Eennu barbaaddan?» isaaniin jedhe.
JOH 18:5 Isaan deebisanee, «Yesuusii biyya Naaziretii ti» jedhane. Inni, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihudaan isa dabarsee kennelle isaan woliin achi dhaabbateeraayyu.
JOH 18:6 Yennaa Yesuus, «Aninuu isa» jedhe gara duubaa sissiqanee lafatti jigane.
JOH 18:7 Ammalle Yesuus, «Eennu barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Yesuusii Naaziretii ti» jedhane.
JOH 18:8 Yesuus deebisee, « ‹Aninuu isa› jedhee isinitti himeera. Isin, na yoo barbaadiisatti jiraattane, worra kana lakkisa'a deemanuu ti» jedhe.
JOH 18:9 Dubbiin inni tanaan dura, «Abba'a, worra ati naaf kennite keessaa tokkolle hin ganne» jedhe akka muummottuuf tana dubbate.
JOH 18:10 Simoon Pheexroos, shallaagaa qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maqaan garbicha saniille Maalkoos.
JOH 18:11 Yesuus Pheexroosiin, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf naaf kenne ani hin unuu?» jedhe.
JOH 18:12 Achiin duuba loltooti worra Rooma'aa worra isaan ajajuu fi Yihudoota Galma Waaqaa eeganu woliin Yesuus qabanee, hidhanee,
JOH 18:13 matooma gara Haannaas isa geessane. Haannaas abbaa-soddaa Qayyaaffa'aa ti; Qayyaaffaan bara san Hayyicha Guddaa te'eeraayyu.
JOH 18:14 Qayyaaffaan kunille, nami tokko kolbaa maraaf yoo du'e woyya jedhee Yihudoota baallii qabanu ka gorse.
JOH 18:15 Simoon Pheexroosii fi barataan dhibiin Yesuus hordofane. Barataan dhibiin sun Hayyicha Guddaa biratti beekkamaa waan te'eef, Yesuus woliin gara dalleya mana hayyicha gudda'aa seene.
JOH 18:16 Pheexroos ammoo karra duratti hafe. Barataan dhibiin, Hayyicha Guddaa biratti beekkame sun gad bayee, durrittii karra eeddutti himee, Pheexroos ol seensise.
JOH 18:17 Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, «Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?» jette. Pheexroos deebisee, «Waawwo'o, anaa moti» jedhe.
JOH 18:18 Boojjiin waan jirtuuf, tajaajiltootaa fi worri eeddotaa ibidda cile'ee gabbisanee, naannoo isaa dhaabbatanee, o'ifatiisatti jiran. Pheexroosille isaan woliin dhaqee dhaabbatee o'ifate.
JOH 18:19 Hayyichi guddaan marroo barattoota isaatii fi marroo barsiisa isaa Yesuus gaafate.
JOH 18:20 Yesuus deebisee, «Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqonfannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne.
JOH 18:21 Ati maaf na gaafatta ree? Kolbaa na dhageette gaafadhu. Isaan waan ani jedhe hin beekan» jedheen.
JOH 18:22 Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokko, «Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?» jedhee isa kabale.
JOH 18:23 Yesuus deebisee, «Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?» isaan jedhe.
JOH 18:24 Achiin duuba Haannaas, akkuma inni hidhamee jiruun, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa erge.
JOH 18:25 Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, «Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?» isaan jedhane. Pheexroos ammoo, «Waawwo'o, anaa moti» jedhee mormate.
JOH 18:26 Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, «Isa woliin oorruu keessatti ani si hin dhagginee?» jedhee isa gaafate.
JOH 18:27 Pheexroos ammalle mormate; yoosuma lukkuun iyyite.
JOH 18:28 Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne.
JOH 18:29 Tanaaf Philaaxoos gara isaanii gad bayee, «Wonni isin namicha kana ittiin himattanu maan?» jedheen.
JOH 18:30 Isaan deebisanee, «Adoo inni yakkaa tokko hin hujin nuuti gara keeti isa hin finnuuyyu» jedhaneen.
JOH 18:31 Philaaxoos isaaniin, «Isinunti isa fuudha'aatii, akka seera keessaniititti itti mura'a» jedhe. Isaan, «Nuuti nama tokkolle ijjeesu'uuf seerri nuuf hin kennu» jedhanee deebisane.
JOH 18:32 Dubbiin Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru dubbate akka muummottuuf tun teete.
JOH 18:33 Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee seenee, Yesuus waamee, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate.
JOH 18:34 Yesuus deebisee, «Gaaffii tana si'umatti gaafata moo yookiin worra dhibi'itti marroo tiyya sitti hime?» jedhe.
JOH 18:35 Philaaxoos deebisee, «Ati nama Yihudi'ii na seetaa? Kolbuma teetii fi sooreyyii hayyootaatitti gara kiyya dabarsee si kenne. Ati maan gooteerta?» jedhe.
JOH 18:36 Yesuus deebisee, «Mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaatii moti; adoo mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaa teetee, akka ani worra Yihudoota baallii qabanutti dabarfamee hin kennanne, silaa hordofattooti tiyya naaf hin lolaniiyyu. Mootummaan tiyya ammoo ta biyya lafa tanaatii moti» jedhe.
JOH 18:37 Maarre Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaatii ree?» jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, «Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e na hin dhage'a» jedhe.
JOH 18:38 Philaaxoos, «Dhugaan maan inni?» jedhee gaafate. Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, «Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu.
JOH 18:39 Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?» isaaniin jedhe.
JOH 18:40 Jennaan isaan, «Waawwo'o, isaa moti! Barabbaa nuu hiiki!» jedhane itti hogisane; Barabbaan nama nama saamaa ture.
JOH 19:1 Achiin duuba Philaaxoos Yesuus fuudhee dhaansise.
JOH 19:2 Worri loltootaa dameelee qore'ee irraa kallacha hujanee mataa isaatitti keyane; achiin duuba woyaa dhiillee itti uffisane.
JOH 19:3 Gara isaalle dhufaa, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa kakkabalane.
JOH 19:4 Philaaxoos ammalle gad bayee gumi'iin, «Waan isa himachiisu tokkolle akka ani hin dhaggin akka ilaaltanu, kunoo, gara keessan gad isa hin baasa» jedhe.
JOH 19:5 Maarre Yesuus kallacha qore'ee keyatee, woyaa dhiilleelle uffatee gad baye. Philaaxoos, «Kunoo! Namichi!» isaaniin jedhe.
JOH 19:6 Sooreyyiin hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, «Fannis! Fannisi!» jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, «Isin fuudha'aatii, fannisa'a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedhe.
JOH 19:7 Gumiin, «Nuuti seera tokko qanna; inni Ilma Waaqaa ifi godheera, akka seera keennaatitti du'uu qaba» jette.
JOH 19:8 Philaaxoos yennaa tana dhage'e, ittuma caalchisee sodaate.
JOH 19:9 Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee, «Ati eessaa dhutte?» jedhee Yesuus gaafate. Yesuus ammoo waan tokkolle hin deebinne.
JOH 19:10 Philaaxoos, «Ati natti hin hintuu? Akka ani si hiikiisaa fi si fannisiisaafille baallii qabu hin beettuu?» isaan jedhe.
JOH 19:11 Yesuus deebisee, «Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii na irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cubbuu caaltee ti» jedhe.
JOH 19:12 Philaaxoos yennaa tana dhage'e, karaa Yesuus ittiin hiiku dhaggatiisaaf wodhaane. Gumiin ammoo, «Yoo isa hiitte, ati jaala mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatii moti; nami mootii tokko ifi godhu marti, mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatiin mormee isa lolu» jettee ittuma hogitte.
JOH 19:13 Philaaxoos yennaa dubbii tana dhage'e, Yesuus gad baasee, addee dhakaa baxxicha jedhantutti barcumaa mura'a irra tee'e; addeen sun afaan Ibrootaatiin, «Gabataa» jedhanti.
JOH 19:14 Guyyaan sun ka Jila Irra Dabaramaatiif qophowanu, gara saatii jaa ti. Philaaxoos kolba'aan, «Kunoo, mootiin keessan» jedhe.
JOH 19:15 Isaan, «Ijjeesi! Ijjeesi! Fannis!» jedhanee ittuma hogisane. Philaaxoos, «Mootii keessan fannisuu?» jedhee isaan gaafate. Sooreyyiin hayyootaalle, «Nuuti mootii moototaa ka biyya Rooma'aa malee, mootii hin qannu!» jedhanee deebisane.
JOH 19:16 Achiin duuba Philaaxoos akka Yesuus fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne. Isaanille Yesuus fuudhanee deemane.
JOH 19:17 Achiin duuba Yesuus fannoo ifii ba'atee, gara addee, «Buqqii mata'aa» yookiin afaan Ibrootaatiin, «Golgootaa» jedhantu dhaqe.
JOH 19:18 Isaan achitti isa fannisane; namoota dhibiille lamaan, maddii maddi'itti, Yesuus wodhakkaa isaaniititti fannisane.
JOH 19:19 Philaaxoos waan ittiin beessisu tokko barreessee fannoo gubbaa keye. Wonni inni barreesse, «Yesuus nama biyya Naaziretii, mootii Yihudootaa» jetti.
JOH 19:20 Addeen Yesuus itti fannifame qachaa bira waan teeteef, barreeffama san kolbaa heddu'utti dubbise. Beessisi sun afaan Ibrootaatiin, afaan Rooma'aatii fi afaan Giriikiitiin barreeffame.
JOH 19:21 Sooreyyiin hayyootaa Philaaxoosiin, «Namichi kun, ‹Ani mootii Yihudootaa ti› jedheera jedhi malee, ‹Mootii Yihudootaa› jettee hin barreessin» jedhane.
JOH 19:22 Philaaxoos deebisee, «Ani waan barreesse barreesseera» jedhe.
JOH 19:23 Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba'aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu.
JOH 19:24 Loltooti, «Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buufannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!» woliin jedhane. Barreeffam Woyyichi, «Woyaa tiyya qoodamane, ruufa kiyyatti hixaa buufatane» jedhu akka muummowuuf kun te'e. Loltootille kanuma godhane.
JOH 19:25 Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha'aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu.
JOH 19:26 Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaalattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, «Haadha tiyya, inni ilma keeti» jedheen.
JOH 19:27 Achiin duuba barattichaan, «Isiin haadha teeti» jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate.
JOH 19:28 Yesuus amma wonni marti hobba'iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, «Ani dheebodhe» jedhe.
JOH 19:29 Qoriin daadhiin woyni'ii dhangaggoottu'uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottuu xuuxachiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane.
JOH 19:30 Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, «Hobbaate!» jedhe. Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne.
JOH 19:31 Guyyaan sun guyyaa itti qophowanu guyyaa jimaata waan te'eef, guyyaan itti aanulle guyyaa Sanbata jila guddo'oo waan te'eef, Yihudooti baallii qabanu reeffi namootaa guyyaa Sanbataatiin fannoo gubbaa akka hin oolleef, miila worra fannifamaneeranuu cassanee, fannoo irraa gad buusiisaaf, Philaaxoos gaafatane.
JOH 19:32 Maarre loltooti dhaqanee miila worra Yesuus woliin fannifameeruu, dursanee miila namicha matoomaa, achiin duuba miila namicha kaaniille cassane.
JOH 19:33 Isaan yennaa gara Yesuusii dhufane ammoo, inni duraanuu akka du'eeru dhagganee, miila isaa hin cassine.
JOH 19:34 Te'uu malee, loltoota keessaa tokkochi, woraana ifiitiin cinaacha Yesuusii woraannaan yoosuma dhiigii fi bisaan keessaa jige.
JOH 19:35 Kana ka dhagge, akka isin dhugeeffattanuuf dhugaa bayeera; dhugaan inni bayelle dhuga'a; wonni inni dubbatulle dhugaa akka teete hin beeka.
JOH 19:36 Kun Barreeffam Woyyichi, «Lafeen isaa tokkolle hin caddu» ka jedhu akka muummowuuf te'e.
JOH 19:37 Barreeffam Woyyichi dhibiin, «Isaan kama woraanane san hin dhaggan» jedha.
JOH 19:38 Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya'aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te'eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos gaafate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe.
JOH 19:39 Niqoodemoos, ka duraanuu halkaniin gara Yesuusii dhufeeru, qumbi'ii fi hargiisa wolitti makame, gara kiiloogiraama soddomii afurii qabatee, Yoseef woliin addee san dhaqe.
JOH 19:40 Namooti lamaan reeffa Yesuusii fuudhanee akka aadaa Yihudooti reeffa maranutti, fiqiree woliin woyaa qoolaan marane.
JOH 19:41 Addee inni itti fannifame san oorru'utti jira; oorruu san keessa godi awwaalaa haarenni ka nami tokkolle itti hin awwaalaminitti jira.
JOH 19:42 Guyyaa worri Yihudootaa itti qophowanu waan te'eef, godi awwaalaalle dhikoo waan te'eef, reeffa Yesuusii achitti awwaalane.
JOH 20:1 Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite.
JOH 20:2 Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, «Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu» jettee isaanitti hinte.
JOH 20:3 Achiin duuba Pheexroosii fi barataan kuun gara goda awwaalaa dhaqane.
JOH 20:4 Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye.
JOH 20:5 Inni gad jedhee woyaa qoolaa ta ittiin marante achitti dhagge malee, keessa hin seenne.
JOH 20:6 Simoon Pheexroos isa duubaan dhufee, boolla awwaalaa keessa seenee, woyaa qoolaatii
JOH 20:7 fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti.
JOH 20:8 Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate.
JOH 20:9 Isaan Barreeffama Woyyicha, «Inni du'aa ka'uu qaba» jedhu haga ammaa hin hubanne.
JOH 20:10 Achiin duuba barattooti lamaan sun gara manaa deebi'anee galane.
JOH 20:11 Maariyaam goda awwaalaatiin ala dhaabbattee bowiisatti jirtiiyyu. Adoo bowiisatti jirtuu, gad jettee goda awwaalaa keessa ilaaltee,
JOH 20:12 ergantooti Waaqaa lamaan uffana adii uffatanee, addee reeffi Yesuusii dur jiru, tokkochi gara mata'aatiin, kuun gara miilaatiin tee'aneeranuun dhaggite.
JOH 20:13 Isaan, «Dubartii tana, maaf bootta?» jedhanee isii gaafatane. Isiin deebittee, «Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!» jette.
JOH 20:14 Achiin duuba isiin garagaltee Yesuus achi dhaabbateeruun dhaggite; ammoo akka inni Yesuus te'e hin beenne.
JOH 20:15 Yesuus, «Dubartii tana, maaf bootta? Ati eennu barbaadda?» jedhee isii gaafate. Isiin, nama oorruu eegu isa seetee, «Goottaa kiyya, ati yoo isa asii fuutee jiraatte, eessa akka isa keette natti himi, ani dhaqee isa fudhadhaa» jetteen.
JOH 20:16 Yesuus, «Maariyaam» isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, «Rabbunii» jetteen; akkas jechuun, «Barsiisaa» jechu'u.
JOH 20:17 Yesuus, «Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara› jedhiitii isaanitti himi!» jedhee isi'itti hime.
JOH 20:18 Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdala'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte.
JOH 20:19 Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» jedhe.
JOH 20:20 Tana jedheen duuba, cinaacha ifiitii fi harka ifii lamaan isaanitti mudhise. Barattooti Goottaa waan dhagganeef guddoo gammadane.
JOH 20:21 Yesuus ammalle, «Nageenni isiniif te'u. Akkuma Abbaan na erge, anille isin erga» isaaniin jedhe.
JOH 20:22 Achiin duuba inni hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyicha fudhadha'a!
JOH 20:23 Isin yoo cubbuu kolba'aa araarantane, isaan araara hin dhaggatan; isin yoo hin araaramin, isaan araara hin dhaggatanu» jedhe.
JOH 20:24 Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru.
JOH 20:25 Maarre barattooti dhibiin, «Nuuti Goottaa dhaggineerra!» jedhanee itti himane. Toomaas isaaniin, «Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu» jedhe.
JOH 20:26 Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u» jedhe.
JOH 20:27 Achiin duuba inni Toomaasiin, «Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!» jedhe.
JOH 20:28 Toomaas deebisee, «Goottaa kiyya, Waaqa kiyya!» jedhe.
JOH 20:29 Yesuus isaan, «Waan na dhaggiteef dhugeeffattee? Worri adoo ana hin dhaggin dhugeeffatu ka badhaadhe!» jedhe.
JOH 20:30 Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera.
JOH 20:31 Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te'ee fi Ilma Waaqaalle te'e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane.
JOH 21:1 Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas:
JOH 21:2 Simoon Pheexroos, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhibiin lamaan woliin jiraniiyyu.
JOH 21:3 Simoon Pheexroos, «Ani qurxummii guuriisa dhaqaara» isaaniin jedhe. Isaanille, «Nuutille si woliin dhandhaa» jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne.
JOH 21:4 Yennaa aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te'e hin beenne.
JOH 21:5 Achiin duuba inni isaaniin, «Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Waawwo'o» jedhanee deebisane.
JOH 21:6 Inni isaaniin, «Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan» jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.
JOH 21:7 Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, «Gootta'aa be!» jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale.
JOH 21:8 Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa callaa lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane.
JOH 21:9 Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo'oo fi qurxummii kashila cile'ee irra jirtu achitti dhaggane.
JOH 21:10 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Qurxummuma amma qabattane irraa fida'a» jedhe.
JOH 21:11 Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane.
JOH 21:12 Yesuus isaaniin, «Kowa'aa diiranteeffadha'a!» jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, «Ati eennu?» jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru.
JOH 21:13 Maarre Yesuus dhufee, daabboo fuudhee, isaaniif kenne; qurxummiille akkasuma godhe.
JOH 21:14 Yesuus eega du'aa ka'e, barattootatti mudhatuun isaa tun yennaa sadeesso'oo ti.
JOH 21:15 Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Simoonii ilma Yohaannisii, worra kana caalaa na jaalattaa?» jedhe. Inni, «Ee, Goottaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise. Yesuus isaan, «Ilmoolee tiyya dheedisiisi» jedhe.
JOH 21:16 Yesuus lammeessoo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalattaa?» jedheen. Inni, «Ee, Gootta'a, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise. Yesuus, «Buruusoo tiyya tissi» jedheen.
JOH 21:17 Yesuus yennaa sadeesso'oo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalatta?» jedhe. Pheexroos waan inni sadeessoo, «Ana jaalattaa?» jedhee isa gaafateef gaddee, «Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen; Yesuus, «Hoolee tiyya bobbaasi.
JOH 21:18 Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriirfatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaalanne si geessa» jedheen.
JOH 21:19 Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, «Na hordofi!» isaan jedhe.
JOH 21:20 Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaalatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, «Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?» jedhee gaafate.
JOH 21:21 Pheexroos yennaa isa dhagge, «Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?» jedhee Yesuus gaafate.
JOH 21:22 Yesuus, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi» jedheen.
JOH 21:23 Maarre oduun, «Barataan kun hin du'u» jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?» jedhe malee, inni hin du'u hin jenne.
JOH 21:24 Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna.
JOH 21:25 Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuuyyuu jedhee herrega.
ACT 1:1 Ulfaataa Tewoofiloos! Kitaaba kiyya ka kanaan duraa keessatti marroo waan Yesuus hujeetii fi barsiise duudii barreesseera. Wonni ani barreesselle gaafa Yesuus hujii ifii jalqabeen kaasee,
ACT 1:2 haga guyyaa gara ol gubba'aa bayeetitti waan huje; inni ergantoota filateef, ajaja ifii karaa Ayyaana Woyyichaatiin kenneen duuba gara ol gubba'aa baye.
ACT 1:3 Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddeebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate.
ACT 1:4 Inni isaan woliin adoo jiruu, «Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a» jedhee isaan ajajaje.
ACT 1:5 Ede'eelle Yesuus, «Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan» jedhe.
ACT 1:6 Yennaa wolitti qabamane ergantooti Yesuusiin, «Gootta'a, ati ammaa tana Israa'eliif Mootummaa deebittee kennaartaa?» jettee gaafatte.
ACT 1:7 Yesuus isaaniin, «Yenna'aa fi bara Abbaan kiyya baallii ifiitiin murteesse beekuu hin dandeettanu;
ACT 1:8 ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan» jedhe.
ACT 1:9 Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba'aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.
ACT 1:10 Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee,
ACT 1:11 «Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa» jedhane.
ACT 1:12 Achiin duuba ergantooti gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'ane; gaarri Ejersaa Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira tokko fagaata.
ACT 1:13 Isaan qachaa guddicha seenanee, gara kolloo mana mana gubba'aa ol bayane. Isaanille Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiryaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewoos, Maatewoos, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoonii hinaattichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoobii fa'a.
ACT 1:14 Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii haadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.
ACT 1:15 Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaa fi diddamaa geettu tokko keessa dhaabbatee,
ACT 1:16 «Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawitiitiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu.
ACT 1:17 Yihudaan qooda hujii teennaa nu woliin akka qabaatu waan filameeruuf, golii teenna te'eeraayyu.
ACT 1:18 Namichi kun beesee hujii hammeenna ifiitiin dhaggate saniin, fichaa bitate; inni mata'aan lafa dhowee nafi isaa dho'ee, meen gadha'aa jige.
ACT 1:19 Worri Yerusaalem keessa le'anu duudiin waan kana dhage'ane; maarre isaan lafa san afaan ifiitiin ‹Akeldaamaa› jedhane; akkas jechuulle ‹Lafa dhiigaa› jechu'u.
ACT 1:20 «Kitaaba Faaru'uu keessatti, « ‹Manni isaa ona te'uu ti; eennulle keessa hin le'in›, akkasuma, ‹Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti› jedhantee barreeffanteerti.
ACT 1:21 Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa,
ACT 1:22 akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du'aa ka'a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te'uu barbaachisa» jedhe.
ACT 1:23 Maarre isaan nama lamaan Yoseef ka barsaabaas yookiin Yosxos jedhamee waamamuu fi Maatiyaas dhikeessane.
ACT 1:24 Achiin duuba isaan, «Gootta'a, ati yaada nama duudi'ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te'ee akka tajaajiluuf ka filatte nu'utti mudhisi» jedhaa daadimatane.
ACT 1:26 Achiin duuba isaan namoota lamaan keessaa tokko filiisaaf hixaa yennaa buusane, hixaan Maatiyaas dhaqqabe. Maarre inni ergantoota kudhanii tokkotti dabalame.
ACT 2:1 Jilti guyyaa shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu.
ACT 2:2 Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte.
ACT 2:3 Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e.
ACT 2:4 Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeessisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.
ACT 2:5 Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu.
ACT 2:6 Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon wolitti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane.
ACT 2:7 Isaan baaseffataa maadeffataa, «Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii?
ACT 2:8 Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna?
ACT 2:9 Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa,
ACT 2:10 Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne,
ACT 2:11 worra Yihudi'iitii fi worra Yihudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna» jedhane.
ACT 2:12 Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, «Wonni kun maan jechu'u?» jedhaa wol gagaafatane.
ACT 2:13 Worri dhibiin ammoo, «Kolbaan tun daadhii woyni'ii untee machootteerti!» jedhaa itti murge.
ACT 2:14 Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, «Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a.
ACT 2:15 Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu.
ACT 2:16 Tun ammoo afaan raagicha Yo'eliitiin,
ACT 2:17 «‹Guyyaa muumme'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.
ACT 2:18 Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanille raaga hin dubbatan.
ACT 2:19 Ani ol-gubba'atti baasa, gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa; Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata.
ACT 2:20 Guyyaan Gootta'aa guddichii fi ulfaataan adoo hin dhufin dura, aduun hin dukkanti; jiinille diimaa akka dhiigaa te'a.
ACT 2:21 Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya› jedhe.
ACT 2:22 «Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti.
ACT 2:23 Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane.
ACT 2:24 Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne.
ACT 2:25 Daawiti marroo isaatiif, «‹Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga; Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu.
ACT 2:26 Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera; arrabi kiyyalle gammadaan guutameera. Akkasuma nafi kiyya du'aan addi'iin jiraata.
ACT 2:27 Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu; ati garbicha addatamaa keeti, addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu.
ACT 2:28 Ati karaa jiru'uu natti mudhitteerta; Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta› jedha.
ACT 2:29 «Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira.
ACT 2:30 Daawiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekeera.
ACT 2:31 Tanaaf Daawiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‹Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre› jedhee raageera.
ACT 2:32 Waaqi Yesuusii kana du'aa kaaseera; nuuti duudiille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota.
ACT 2:33 Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa.
ACT 2:34 Daawiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu, «‹Goottaan Goottaa kiyyaan, haga ani diinota keeti ijjata miila keeti jala godhutti, asi maddii midda kiyyaatitti tee'i› jedhee dubbateera.
ACT 2:36 «Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!» jedhe.
ACT 2:37 Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, «Jarana maan goona?» jette.
ACT 2:38 Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan.
ACT 2:39 Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef» jedhee deebise.
ACT 2:40 Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, «Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a» jedhe gorse.
ACT 2:41 Worri hedduun waan inni jedhu dhugeeffatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane.
ACT 2:42 Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.
ACT 2:43 Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane.
ACT 2:44 Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane.
ACT 2:45 Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane.
ACT 2:46 Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa,
ACT 2:47 Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale.
ACT 3:1 Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafowa saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane.
ACT 3:2 Achi «Karra miidhadduu» jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan.
ACT 3:3 Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka woy isaa kennanuuf kadhate.
ACT 3:4 Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos «Ol jedhii nu ilaal» jedheen.
ACT 3:5 Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale.
ACT 3:6 Pheexroos ammoo, «Ani beesee hin qabu; waan qabu ammoo si'iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka'ii ideemi» jedhe.
ACT 3:7 Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin isaa jabaatte.
ACT 3:8 Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u'utaalaa Waaqa leellifate.
ACT 3:9 Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane.
ACT 3:10 Isaan inni kadhaticha karra «Miidhadduu» jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane.
ACT 3:11 Yennaa namichi fayye sun Pheexroosii fi Yohaannis biraa hafuu dide, gumiin duudiin jajjee gara addee «Soroo Solomoonii» jedhantuu rukkitte.
ACT 3:12 Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, «Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?» isaaniin jedhe.
ACT 3:13 Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxoosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxoos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane.
ACT 3:14 Isin ammoo Yesuusii Woyyichaa fi balchichaa diddanee, ka nama ijjeese akka hiikamuuf gaafattane.
ACT 3:15 Isin ka jiruu kennu ijjeettane; Waaqi ammoo du'aa isa kaase. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota.
ACT 3:16 Namicha naafa te'e kanaaf hunna jabeennaa ka kenne hunna maqaa Yesuusii ti. Wonni isin dhaggitanuu fi beettanu maqaa Yesuusiititti dhugeeffatiisaan teete; akkuma isin duudiin dhaggitanu wonni isa fayyise, dhugeeffannaa inni Yesuusitti qabu.
ACT 3:17 «Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka.
ACT 3:18 Waaqi bara heddu'uun dura Masiihiin akka rakkattu afaan raagota maraatiin ka dubbate, karaa kanaan akka muummottu godheera.
ACT 3:19 Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi'aatii, gara Waaqaa dacha'a'a.
ACT 3:20 Waaqa irralle'ee barri isin itti haareffantanu hin dhufa; Waaqi masiihii dursee isiniif file Yesuus isiniif hin erga.
ACT 3:21 Inni haga yennaan waan duuchi'ii hareffamiisaa geettutti, akkuma Waaqi karaa raagota woyyootaatiin woggaa heddu'uun dura lallabe ol-gubba'atti turuu qaba.
ACT 3:22 Muuseen, ‹Goottaan Waaqi keessan akkuma amma na kaase, kolbaa teessan keessaa raagaa tokko isiniif hin kaasa; waan inni isinitti himu mara dhage'a'a.
ACT 3:23 Nami raagicha san dhage'uu didu duudiin, kolbaa Waaqaa irraa adda bayee hin bada› jedheera.
ACT 3:24 Raagoti Saamu'eliin jalqabanee ka'anee fi dubbatane duudiinuu, waan bara kanaa dubbataneeran.
ACT 3:25 Isin sanyii raagotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‹Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa› jedhee gondoore worra dhaalu.
ACT 3:26 Tanaaf Waaqi karaa hamaa keessan irraa deebisee isin eebbisu'uuf, tajaajilaa ifii Yesuus filee dursee isiniif erge» jedhe.
ACT 4:1 Pheexroosii fi Yohaannis adoo kolba'atti dubbatiisatti jiranuu hayyooti, dura buutoti eeddota Galma Waaqaatii fi Saduqooti itti dhufane.
ACT 4:2 Ergantooti lamaan akka Yesuus du'aa ka'ee fi worri du'elle akka du'aa ka'u waan kolbaa barsiisaneef, jarri tun isaanitti aarte.
ACT 4:3 Maarre isaan Pheexroosii fi Yohaannis qabanee, latti waan dhiiteertuuf haga bariitu mana hidha'aa galchane.
ACT 4:4 Ammoo worra jecha isaanii dhage'e keessaa worri hedduun dhugeeffate; laakkossi worra dhugeeffatee gara kuma shanii guddate.
ACT 4:5 Boruyyaa sooressitooti Yihudootaa, jaarsole'ee fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalem keessatti wolitti qabamane.
ACT 4:6 Worra wolitti qabame san keessa hayyichi guddaan Haannaas, Qayyaaffaan, Yohaannis, Iskindrosii fi maatiin Hayyicha gudda'aalle achi jiran.
ACT 4:7 Isaan Pheexroosii fi Yohaannis ifiin dura dhaabbachiisanee, «Hunna maaniitiin yookiin maqaa eennuutiin Kana gootane?» jedhanee gaafatane.
ACT 4:8 Pheexroos Ayyaana Woyyichaan guutamee, «Isin bulchitooti kolba'aatii fi jaarsoleen,
ACT 4:9 marroo waan dansaa namicha naafa kanaaf godhamee nu gaafattanii? Ka isa fayyiselle eennu akka te'e nu gaafattanii?
ACT 4:10 Namichi amma fayyee isin dura dhaabbatu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa'elii martinuu beeka'a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammoo du'a keessaa isa kaase.
ACT 4:11 Inni dhakaa isin worri mana ijaaru tuffattane, ka ammoo dhakaa dhakaa mara caalu ite'e.
ACT 4:12 Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi'iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe.
ACT 4:13 Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale.
ACT 4:14 Ammoo namichi fayye sun, Pheexroosii fi Yohaannis woliin dhaabbateeruun waan dhagganeef waan jedhanu dhabane.
ACT 4:15 Maarre isaan akka Pheexroosii fi Yohaannis mana mura'aa keessaa gad bayanu ajajanee, achiin duuba woliin mari'atiisa jalqabanee,
ACT 4:16 «Jara tana maan goona? Bilbaasi kun karaa isaaniitiin akka hujame namooti Yerusaalem keessa jiranu duudiin hin beekan, bilbaasi kun hin teene jennee hin dandeennu.
ACT 4:17 Ammoo wonni kun akka hin babadhanne, maqaa Yesuusiitiin ijjumaa deebi'anee nama tokkolle'etti akka hin dubbanne, kowa'a isaan seerraa» jedhane.
ACT 4:18 Achiin duuba isaan Pheexroosii fi Yohaannis ammalle gara keessaa deebisanee waamanee maqaa Yesuusiitiin ijjumaa akka hin dubbanne yookiin hin barsiinne itti himane.
ACT 4:19 Pheexroosii fi Yohaannis ammoo deebisanee, «Waaqaaf ajajamiisa irra isiniif ajajamiis Waaqa duratti sirri'ii? Me isinuu mura'a.
ACT 4:20 Nuuti waan ifii dhagginee fi dhageenne himiisa hin lakkinnu» jedhane.
ACT 4:21 Maarre Korri mura'aa jabeessee isaanitti seeree akkanumaan isaan gad lakkise; kolbaan duudiin sababa bilbaasa te'eetiif waan Waaqa leellisiisatti jirtuuf, karaa dande'anee isaan adabanu hin dhagganne.
ACT 4:22 Namichi bilbaasi kun irratti hujame woggaan isaa afurtama caala.
ACT 4:23 Pheexroosii fi Yohaannis akkuma gad lakkifamaneen, gara jara ifii deebi'anee waan sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isaaniin jedhane itti himane.
ACT 4:24 Isaan tana yennaa dhage'ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, «Gootta'a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si'i.
ACT 4:25 Ayyaana Woyyichaan, afaan garbicha keeti Abbaa abbootii teennaa Daawitiitiin, «‹Worri Yihudoota hin te'in maaf aarane? Kolbaan mala bu'aa hin qanne maaf dhootte?
ACT 4:26 Moototi lafaa ifi qopheeffatanee, bulchitootille wolitti qabamanee, Gootta'aa fi Masiihii isaa irratti ka'ane› ka jette si'i.
ACT 4:27 «Dhugumaan qachaa kana keessatti Heroodisii fi Phonxoos Philaaxoos, worra Yihudoota hin te'inii fi kolbaa Israa'elii woliin, tajaajilaa keeti Woyyicha, ka ati Masiihii goote Yesuusitti ka'ane.
ACT 4:28 Isaan waan ati hunna teetii fi fedhii teetiin akka teetuuf murteertu muummessane.
ACT 4:29 Ammalle Gootta'a, sodaachisaa isaanii tana ilaali, nuuti tajaajiltooti teeti sodaa malee akka dubbannu nu godhi.
ACT 4:30 Karaa maqaa tajaajilaa keeti woyyicha Yesuusiitiin dhibee irraa akka fayyanu, baasaa fi bilbaasi akka godhamu harka keeti diriirsi» jedhane.
ACT 4:31 Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.
ACT 4:32 Dhugeeffattooti martinuu yaadaa fi gadhaa tokkoon jiraniiyyu. Isaan keessaa nami tokkolle, «Kun kiyya» waan jedhu hin qabuuyyu; isaan waan qabanu mara wolumaan qabaniiyyu.
ACT 4:33 Ergantooti hunna guddo'oon du'aa ka'iisa Goottaa Yesuusii dhugaa bayane. Waaqille isaan mara irratti eebba guddaa jisseeraayyu.
ACT 4:34 Isaan keessa rakkataan tokkolle hin jiru. Worri lafa yookiin mana qabanu martinuu gurguranee beesee fidanee,
ACT 4:35 ergantootatti kennaniiyyu; ergantootille akka barbaachisaa te'etti beesee tokko tokkoofuu qoqoodaniiyyu.
ACT 4:36 Lewwichi tokko, ka Yoseef jedhamu, Qophiroositti ka dhalate, ka ergantooti «Baarnaabaas» jettee waantu tokko jiraayyu; akkas jechuun «Ka nama jajjabeessu» jechu'u;
ACT 4:37 inni lafa qabu gurguree, beesee fidee ergantootatti kenne.
ACT 5:1 Namichi Anaaniyaa jedhamu tokko jiraayyu; inni haadha manaa ifii Safiiraa woliin lafa qabanu takka gurgurate.
ACT 5:2 Ammoo haadha manaa ta ifii woliin wolii galiisaan beesee irraa hamburatee, taan fidee ergantootatti kenne.
ACT 5:3 Pheexroos isaan, «Anaaniiyaas! Akka ati Ayyaana Woyyicha sodduu fi beesee lafa itti gurguratte akka hambifattu, seexanni yaada keeti akka toowatu maaf itti lakkitte?
ACT 5:4 Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti» jedheen.
ACT 5:5 Anaaniiyaas akkuma jecha kana dhage'een, jigee du'e; worri marroo waan kanaa dhage'ane duudiille bararaqane.
ACT 5:6 Dargaggooti dhufanee, reeffa isaa maranee, geessanee awwaalane.
ACT 5:7 Gara saatii sadiitiin duubatti, haati manaa isaa waan te'eeru adoo hin beekin dhutte.
ACT 5:8 Pheexroos isi'iin, «Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?» jedhee gaafate; Isiille deebittee, «Eeti, haguma kana» jetteen.
ACT 5:9 Maarre Pheexroos isi'iin, «Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan» jedhe.
ACT 5:10 Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane.
ACT 5:11 Wolde'ooti kiristaanaatii fi worri waan kana dhage'ane duudiin bararaqane.
ACT 5:12 Baasaa fi bilbaasi hedduun kolbaa oddu'utti ergantootaan hujamane. Dhugeeffattooti duudiin soroo manaa ka Solomoonii jalatti wolitti qabamaniiyyu.
ACT 5:13 Worra dhibii keessaa isaanitti makamiisaaf ka itti game tokkolle hin jiru; te'ulle kolbaan isaan ulfeessitiiyyu.
ACT 5:14 Ammoo worri Gootta'atti dhugeeffatane gumiin hedduun dhiiraa fi dubartiin isaanitti ede'amane.
ACT 5:15 Yennaa Pheexroos karaa san dabaru gaaddiddummaan isaalle isaan keessaa tokko tokko akka tuxxuuf, worra dhibameeru taqe'ee fi itille'een fidanee karaa irra keyane.
ACT 5:16 Kolbaan qachoota adaala Yerusaalemii jiranu, worra dhibameeruu fi worra ayyaana hama'aan qabameeru fidane; isaan martinuu fayyane.
ACT 5:17 Achiin duuba Hayyichi gudda'aa fi worri isa woliin jiru, ka isa gargaaranu saduqoota duudii woliin hinaaffa'aan guutamanee ergantoota irratti ka'ane.
ACT 5:18 Isaan ergantoota qabanee mana hidha'aatitti galchane.
ACT 5:19 Halkan san ammoo ergamaan Waaqaa balbala mana hidha'aa banee, ergantootaan dura deemaa, gad baasee, isaaniin,
ACT 5:20 «Dhaqa'aatii Galma Waaqaa keessa dhaabbadha'aa, marroo jiruu haareya tanaa, kolba'atti hima'a» jedhe.
ACT 5:21 Isaan dubbii tana fudhatanee, akkuma latti bariiteen Galma Waaqaa seenanee barsiisuu jalqabane. Hayyichi guddaan worra isa gargaaranu woliin dhufee, miseensota kora mura'aatii fi jaarsota Yihudootaa wolitti waamee, ergantoota worra hidhamaneeranu san fichisiisu'uuf gara mana hidha'aa nama erge.
ACT 5:22 Worri ergamane ammoo, barattoota mana hidha'aa keessaa dhabanee, gara Kora Mura'aa deebi'anee,
ACT 5:23 «Nuuti yennaa mana hidha'aa geenne, balbalti jabeeffantee cufantee, eeddoti balbala dura jiranuun dhaggine; ammoo yennaa balbala banne, namuu keessatti hin dhaggine» jedhane.
ACT 5:24 Sooreyyiin hayyootaatii fi dura bu'aan eeddota Galma Waaqaa yennaa waan kana dhage'ane, waan ergantoota irratti te'e baaseffatanee, waan godhanu wollaalane.
ACT 5:25 Achiin duuba nami tokko dhufee isaaniin, «Dhage'a'a! Namooti isin mana hidha'aa galchitane Galma Waaqaa keessatti, kolbaa barsiisiisatti jiran!» jedhe.
ACT 5:26 Maarre dura bu'aan Galma Waaqaa worra isa woliin huju woliin dhaqee ergantoota fidee dhufe. Isaan kolbaan dhaka'aan nu tunti jedhanee waan sodaataneef, hunnaan hin finne.
ACT 5:27 Isaan ergantoota fidanee, Kora Mura'aa dura dhaabbachiisanee, hayyichi guddaan isaan qoree,
ACT 5:28 «Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan» jedhe.
ACT 5:29 Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, «Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna.
ACT 5:30 Waaqi Abbootii teennaa, Yesuusii isin muka irratti fannittanee ijjeettane du'aa kaaseera.
ACT 5:31 Akka Yesuus kolbaa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araara cubbu'uu kennuuf, Waaqi sooressaa fi fayyisaa godhee midda ifiititti ol isa fuudheera.
ACT 5:32 Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya'a» jedhane.
ACT 5:33 Korri Mura'aa yennaa waan kana dhage'ane, guddoo aaranee ergantoota ijjeesiisa barbaadane.
ACT 5:34 Isaan keessaa ammoo Fariisaayichi, barsiisaa Seera Muuse'ee te'e, maqaan isaa Gamaali'el ka jedhamu, ka nami duudiin guddoo ulfeessu tokko, Kora Mura'aa keessaa ol ka'ee, ergantoota san yennaa diqqoo ala akka tursiisanu ajaje.
ACT 5:35 Achiin duuba inni kora Mura'aatiin, «Kolbaa Israa'elii! Waan jara tana gootanu irratti ifi eegadha'a.
ACT 5:36 Tanaan dura namichi Toyidaas jedhamu ka'ee, ani nama jaba'a ifiin jedhe; namooti gara dhibba afurii te'anu isa woliin hujane. Ammoo inni ijjeefamee, worri isa woliin huju duudiin bittinnowanee, wonni sun achumatti dhumatte.
ACT 5:37 Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofattooti isaa duudiin bittinnootte.
ACT 5:38 Maarre ammalle, jara tana irratti waan hantuu tokkolle akka hin goone ani isinitti hima. Isaan lakkisa'a! Wonni isaan yaadanee hujane nama irraa yoo teete, hin baddi;
ACT 5:39 ammoo yoo ta Waaqa irraa dhutte teete, isaan balleessuu hin dandeettanu; isin ifiifuu Waaqaan loltanuun ifi dhaggitan» jedheenii jennaan, isaanille gorsa Gamaali'elii fudhatane.
ACT 5:40 Isaan ergantoota ol waamanee deebisanee, dhaananee, lammeessoo maqaa Yesuusiitiin akka hin dubbanne ajajane; achiin duuba gad lakkisane.
ACT 5:41 Ergantooti Yesuusiif farriisaa fi salphatiisa akka waan dansa'aatitti laakkowanee, gammadaan Kora Mura'aa biraa gad bayane.
ACT 5:42 Isaan guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessaa fi mana kolba'aa keessatti, Oduu Gammadaa ta Yesuusii Masiihiicha te'ee, barsiisiisaa fi lallabiisa hin lakkinne.
ACT 6:1 Yennaa diqqo'oon duuba laakkossi barattootaa akkuma heddataa deemeen, Yihudooti afaan Giriikii dubbatanu Yihudoota biyya Yihuda'aatitti dhalatane irratti gungumane; haadhotiin hiyyeessaa ta Yihudoota afaan Giriikii dubbatanuu, qarqaarsa guyyaa guyya'atti dhaggataa turane waan dagatamaneef gungumane.
ACT 6:2 Maarre ergantooti kudhanii lama dhugeeffattoota duudii wolitti waamanee, «Nuuti sagalee qoodiisaaf jennee Jecha Waaqaa lallabiisa irraanfatuun nu'uuf hin malle.
ACT 6:3 Maarre obboleeyyan, namoota hujii tana itti kenninu, worra maqaa dansaa qabu, ka Ayyaanni Woyyichii fi qarummaan keessa guutte, odduu teessanii namoota torba fila'a.
ACT 6:4 Nuuti ammoo daadimataa fi hujii Jecha Waaqaa lallabiisaatiif yennaa teenna mara kennina» jedhane.
ACT 6:5 Nami duudiin yaada ergantootaa jaalatee, Isxifaanos ka jedhamu dhugeeffanna'aa fi Ayyaanni Woyyichi ka keessa guute filane; akkasuma Filiphoosii fi Phirokoros, Niqaaroona'aa fi Ximoonaa, Pharmena'aa fi Niqolaawosii nama biyya Anxokiya'aa ka dhugeeffannaa Yihudootaa dur fudhateerulle filane.
ACT 6:6 Isaan worra kana duudii ergantoota dura dhaabbachiisane; ergantootille harka ifi isaan irra keyanee daadimatane.
ACT 6:7 Jechi Waaqaa badhataa deeme, laakkossi dhugeeffattootaa Yerusaalem keessatti guddataa guddataatuma deeme; hayyooti hedduulle dhugeeffatane.
ACT 6:8 Isxifaanos badhaadhaa fi hunna Waaqaatiin guutamee baasotaa fi bilbaasota guddaa odduu kolba'aatitti huje.
ACT 6:9 Yennaa san Yihudooti miseensota, «Mana waaqonfannaa worra bilisa bayee» jedhamuu, worri Qareena'aatii fi Iskindiriya'aa, worri biyya Qiliiqiya'aatii fi Asiya'aatii dhufane tokko ka'anee Isxifaanositti falmane.
ACT 6:10 Te'uu malee, qarumma'aa fi Ayyaana Isxifaanos ittiin dubbatu mormiisa hin dandeenne.
ACT 6:11 Maarre isaan, «Dubbii Muuse'ee fi Waaqa faanshessitu isaa dubbatu dhageenneerra» akka jedhanuuf namoota dhossa'aan itti tirtirsane.
ACT 6:12 Akkuma kanaan isaan kolbaa, jaarsole'ee fi barsiisota Seera Muuse'ee itti tirtisanee, Isxifaanos qabanee fuudhanee kora mura'aa dura dhikeessane.
ACT 6:13 Achiin duuba isaan namoota garii ka dharaan dhugaa isa irratti bayanu fidane. Dhugaa baatoti dharaa tuun, «Namichi kun, Galma Waaqaa woyyicha keennaa fi Seera Muuse'ee irratti yennaa mara morma.
ACT 6:14 ‹Yesuusiin nama Naaziretii Galma Waaqaa hin diiga, aadaa Muusee irraa gad nu'uuf dhuttelle duudii hin jijjiira› jedhuun dhageenneerra» jedhane.
ACT 6:15 Worri Kora mura'aa keessa tee'eeru duudiin hubatanee Isxifaanos yennaa ilaalanu, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqaa te'ee dhaggane.
ACT 7:1 Hayyichi guddaan, «Wonni siin jedhanu kun dhuga'aa?» jedhee Isxifaanos gaafate.
ACT 7:2 Isxifaanosille deebisee, «Obboleeyyanii fi abbootii tiyya, na dhage'a'a! Abbaan keenna Abrahaam lafa Kaaraanii le'iisaaf adoo hin deemin dura, ulfinni Waaqaa Mesophotaamiyaa keessatti isatti mudhatee,
ACT 7:3 ‹Fira keetii fi biyya teeti lakkisiitii gara lafa ani si'itti mudhisuu deemi› jedheen.
ACT 7:4 Achiin duuba inni biyya ifii Kaldiyaa lakkisee, Kaaraan keessa le'iisaaf deeme. Abbaan isaa du'een duuba, Waaqi gara lafa amma isin leetanu tanaa isa fide.
ACT 7:5 Teetuu malee Waaqi lafa haga faana miilalle isaaf hin kennine; ammoo yennaa san Abrahaam ilma qabaatuu dhabulle, Waaqi lafa san isaa fi sanyii isaatiif akka kennu, waadaa galeeraayyu.
ACT 7:6 Waaqi karaa kanaan Abrahaamiin, ‹Sanyiin teeti lafa ormaa keessa galtuu teetee hin leeti; achitti garboontee haga woggaa dhibba afurii hin cunqurfanti.
ACT 7:7 Ani ammoo kolbaa isaan garboonsite sanitti hin mura; achiin duuba sanyiin teeti lafa san keessaa baatee asitti na hin waaqonsiti› jedheera.
ACT 7:8 Achiin duuba Waaqi gondooroo haqanqaba'aa Abrahaamiif kenne; maarre Abrahaam ilmi isaa Yisihaq dhalateen duuba, guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabe; akkasuma Yisihaqille ilma ifii Yaaqoob haqanqabaa qabe; Yaaqoobille abbootii gosa Israa'elii ka te'ane, ilmaan ifii kudhanii lama haqanqabaa qabe.
ACT 7:9 «Ilmaan Yaaqoobii obboleessa ifii Yoseef hinaattee, garba akka te'uuf biyya Gibxiititti isa gurgurte; Waaqi ammoo isa woliin jiraayyu;
ACT 7:10 rakkoo mara keessalle'ee isa baase. Yoseef mooticha lafa Gibxi'ii Fara'oon dura yennaa dhikaate, Waaqi arnyaa fi qarooma isaaf kenne; mootichille bulchaa biyya Gibxi'iitii fi ajajaa qabeenna mana ifii isa godhe.
ACT 7:11 Bara san biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii maratti beelti rakkoo guddoo fidde; abbootiin teennalle waan nyaattu dhaggatuu hin dandeenne.
ACT 7:12 Yaaqoobille biyya Gibxi'ii keessa midhaan akka jiru yennaa dhage'e, yennaa jalqabaatiif, abbootii teenna ka te'ane, ilmaan ifii achi erge.
ACT 7:13 Yennaa isaan lammeessoo dhaqane, Yoseef eennummaa ifii obboleeyyan ifiititti hime; mootichi biyya Gibxi'iille maatii Yoseefii beeke.
ACT 7:14 Maarre Yoseef, worri duudiin nami torbaatamii fi shan martinuu, gara biyya Gibxi'ii akka dhufanu, abbaa ifii Yaaqoobitti erge.
ACT 7:15 Tanaaf Yaaqoob gara biyya Gibxi'ii dhaqee, innii fi ilmaan isaalle achitti du'ane.
ACT 7:16 Lafeen isaanii gara lafa Sheekem jedhantu geeffantee, addee awwaalaa lafa Abrahaam beesee ifiitiin gosa Hamoorii irraa bitetti awwaalante.
ACT 7:17 «Waadaan Waaqi Abrahaamiif gale muummowisaaf yennaa dhikaate, laakkossi kolbaa teennaa ka biyya Gibxii keessaa heddataa deeme.
ACT 7:18 Muummee irratti, mootichi marroo Yoseefii hin beenne tokko biyya Gibxi'ii bulchiisa jalqabe.
ACT 7:19 Mootichi kun abbootii teenna gowwoonsee gadhaa itti jabaatee, daa'immaan isaanii akka duutuuf, ala baasanee akka gatanu dirqansiise.
ACT 7:20 Bara san Muuseen dhalate; inni daa'ima shaggicha; haga ji'a sadii mana abbaa ifii keessatti guddate.
ACT 7:21 Inni yennaa alatti gatame, intalti Fara'oonii isa fuutee, akka ilma ifiititti gudditte.
ACT 7:22 Muuseen qarooma worra Gibxi'ii duudii baratee dubbi'ii fi hujiile'een nama jabaa te'e.
ACT 7:23 «Inni woggaa afurtama yennaa geye, kolbaan Israa'elii akka itti jirtu ilaaliisaaf yaadate.
ACT 7:24 Muuseen yennaa namichi biyya Gibxi'ii tokko nama Israa'elii tokko miidhuun dhagge rogeefii, namicha biyya Gibxi'ii dhowee ijjeese.
ACT 7:25 Muuseen karuma isaatiin Waaqi bilisa akka isaan baasu, kolbaan waan hubattu seyeeyyu; isaan ammoo hin hubanne.
ACT 7:26 Boruyyaa nami lama ka gosa Israa'elii wol lolanuun dhaggee, wolitti araarsiisaaf barbaadee, ‹Jarana, isin obboleeyyan; maaf wol loltan?› jedheen.
ACT 7:27 Namichi lola kaase ammoo Muusee achi darbee, ‹Nu'u irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?
ACT 7:28 Akkuma kalee namicha Gibxi'ii ijjeette, analle ijjeesuu barbaaddaa?› jedheen.
ACT 7:29 Muuseen yennaa tana dhage'e, biyya Gibxi'ii keessaa dheetee, gara lafa Miidiya'aa galee le'e. Achitti ijoollee lama uumate.
ACT 7:30 «Woggaa afurtamaan duuba, lafa goomole'ee keessatti Gaara Siina'aa biratti bobe'a tusee gabbattuu keessatti, ergamaan Waaqaa Muuse'etti mudhate.
ACT 7:31 Muuseen waan kana yennaa dhagge baaseffatee, ilaaliisaaf itti dhikaate. Ammoo inni qoonqoo Gootta'aa,
ACT 7:32 ‹Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Yaaqoobii ti› jettu dhage'e. Muuseen soda'aan rorommee, ilaaliisaafille itti hin gamne.
ACT 7:33 Goottaan Muuse'een, ‹Addeen ati dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu.
ACT 7:34 Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyyaa ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera. Ani iyya isaanii dhage'eera; isaan bilisa baasiisaafille gad dhufeera. Amma koy; ani gara biyya Gibxi'ii si ergaara› jedhe.
ACT 7:35 «Kolbaan Israa'elii Muuse'een, ‹Nu irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?› jettee isa jibbiteertiiyyu. Te'uu malee Waaqi Muusuma kana karaa ergamaa Waaqaa ka tusee keessatti itti mudhateetiin, bulcha'aa fi ka bilisa baasu godhee gara isaanii erge.
ACT 7:36 Inni Gibxi'ii fi abbaayaa diintuu irratti baasaa fi bilbaasa hujaa, kolbaa sooressaa, biyya Gibxi'ii keessaa baase.
ACT 7:37 ‹Waaqi akkuma na kaase, raagaa tokko odduu teessaniinuu isiniif hin kaasa› jedhe ka dubbate Muusuma kana.
ACT 7:38 Inni abbootii teenna woliin lafa goomolee keessa jiruun, gaara Siinaa gubba'atti ergamaan Waaqaa ka itti dubbate isuma; Jecha Waaqaa ka jiru'uu ka nu'uuf dabarselle Muusuma kana.
ACT 7:39 «Abbootiin teenna ammoo, isaaf ajajamuu diddee, gadhaa ifiititti gara biyya Gibxi'ii deebi'iisaaf yaadatte.
ACT 7:40 Maarre isaan Aaroniin, ‹Muuseen biyya Gibxii keessaa nu baase kun waan te'e wollaallee, waaqota nu sooressanu nuu huji› jedhane.
ACT 7:41 Yennaa san isaan waaqa dharaa jabbii fakkeessanee hujanee, ciincaa dhikeessaneef; waan hujane sanitti gammadane.
ACT 7:42 Waaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubba'aa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante, «‹Ee, kolbaa Israa'elii! Woggaa afurtama goomolee keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naaf dhikeessitanee ree?
ACT 7:43 Isin dunkaanii waaqa molokiitii fi, fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu, harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba'attane. Maarre anille biyya Baabilon irraa fagaattutti isin hin dabarsa› jedhe.
ACT 7:44 «Abbootiin teenna goomolee keessatti dunkaanii dhugaa bayaa qaddi. Dunkaaniin sun akka Waaqi Muuse'etti mudhisee, ‹Akkas huji› jedhetti ta hujante.
ACT 7:45 Abbootiin teenna dunkaanii san abbootii ifii irraa fudhatteen duuba, Iyaasuu woliin gara lafa gosa worra Waaqi isaan duraa ari'etti fudhatanee galane; dunkaaniin sunille haga bara Daawitii achi turte.
ACT 7:46 Daawiti Waaqa duratti fudhatama dhaggatee, Waaqa Yaaqoobiitiif mana ijaariisaaf gaafate.
ACT 7:47 Ammoo Waaqaaf ka mana ijaare Solomoon.
ACT 7:48 «Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u; kunille akkuma raagichi,
ACT 7:49 «‹Ol-gubbaan barcumaa mootummaa tiyyaa ti; lattille ijjata miila kiyyaa ti. Manni isin naaf ijaartanu ka attamii ti ree? Addeen ani itti foorfadhu eessa ree?
ACT 7:50 Waan san duudii ka huje anaa motii? jedha Goottaan› jedhe.
ACT 7:51 «Isin worra mataa jabaatu! Gadhaan keessan akka gadhaa worra Waaqa hin dhugeeffannee, gurri keessan akka gurra worra Waaqa hin dhageennee ti. Isin akkuma abbootii teessanii yennaa mara Ayyaana Woyyicha mormitan.
ACT 7:52 Raagaan abbootiin teessan hin miidhin tokkolle hin jiraa? Isaan raagota woggaa heddu'uun dura dhufa balchichaa odeessane ijjeesaneeran. Amma isinille isa dabarsitanee kennitanee ijjeettaneertan.
ACT 7:53 Isin karaa ergantoota Waaqaatiin seera Waaqaa fudhattaneertaniiyyu; isin ammoo hin ajajanneef» jedhe.
ACT 7:54 Korri Mura'aa waan Isxifaanos jedhe yennaa dhage'ane, aaranee gubatanee, itti ciniinnatane.
ACT 7:55 Isxifaanos ammoo, Ayyaana Woyyichaan guutamee, gara ol-gubba'aa ilaalee, ulfinna Waaqaatii fi Yesuus midda Waaqaa dhaabbateeruun dhaggee,
ACT 7:56 «Kunoo, ol-gubbaan banantee, Ilmi Namaalle midda Waaqaa dhaabbateeruun ani dhagge» jedhe.
ACT 7:57 Korri Mura'aa iyyee gurra ifii qabate; achiin duuba isaan martinuu itti fiiganee,
ACT 7:58 qachaa keessaa harkisanee baasanee, dhaka'aan tumane. Dhugaa bayooti woyaa isaanii akka eeguuf dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko bira keyatane.
ACT 7:59 Adoo isaan dhaka'aan tumiisatti jiranuu, Isxifaanos, «Goottaa Yesuus, ayyaana kiyya fudhadhu» jedhee daadimate;
ACT 7:60 jilbiiffateelle qoonqoo ol qabatee, «Gootta'a, cubbuu tana isaanitti hin laakkowin» jedhee iyyee, du'e.
ACT 8:1 Saa'ol ijjeefamuu Isxifaanosiititti wolii gale; guyyuma Isxifaanos du'e san wolde'a kiristaanaa ka Yerusaalem keessaatitti miidhaan guddoon jalqadde. Ergantoota malee, dhugeeffattooti duudiin lafa Yihuda'aatii fi Samaariyaa keessaa duudi'itti bittinnowane.
ACT 8:2 Worri Waaqaaf ifi kenneeru Isxifaanosiif guddoo bowanee, reeffa isaa awwaalane.
ACT 8:3 Saa'ol ammoo wolde'a kiristaanaa balleessiisaaf wodhaanee, mana tokko irraa gara mana kaanii deemaa, dhiiraa fi dubartii gara mana hidha'aa seensise.
ACT 8:4 Dhugeeffattooti bittinnowane addee mara dhaqanee, Oduu Gammadaa lallabane.
ACT 8:5 Filiphoos gara qachaa Samaariya'aa dhaqee kolbaa achi jirtuuf marroo Masiihii lallabe.
ACT 8:6 Gumiin waan Filiphoos jedhe yaada tokkoon dhageettee, baasa inni hujelle dhaggite.
ACT 8:7 Ayyaanni hamaan kolbaa hedduu keessaa qoonqoo guddo'oon iyyee baye; worri laashowee fi worri hokkolu hedduulle fayyane.
ACT 8:8 Tanaaf qachaa san keessatti gammadi guddaan te'e.
ACT 8:9 Qachaa san keessa namichi Simoon jedhamu tokko jiraayyu; inni hujii xanoo ifiitiin worra qachaa Samaariya'aa baaseffachiisee, ani nama gudda'a ifiin jedhaa tureera.
ACT 8:10 Worri qachaa sanii diqqa'aa fi guddaan duudiin, «Namichi kun, hunna Waaqaa ta ‹Hunna guddoo› jedhantu» jedhaa yaada tokkoon dhage'ane.
ACT 8:11 Isaan, waan Simoon yennaa hedduu xanoo ifiitiin isaan baaseffachiiseef, yaada tokkoon isa dhage'ane.
ACT 8:12 Isaan ammoo Filiphoos marroo oduu gammada Mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoosii yennaa isaanitti lallabe dhage'anee, dhiiraa fi dubartooti dhugeeffatanee cuuphamane.
ACT 8:13 Simooninuu dhugeeffatee cuuphameen duuba, waa'ela Filiphoosii te'ee, baasotaa fi bilbaasota gugurdaa hujame yennaa dhagge baaseffate.
ACT 8:14 Ergantooti Yerusaalem keessa jiranu, worri Samaariya'aa Jecha Waaqaa akka fudhate yennaa dhage'ane, Pheexroosii fi Yohaannis gara isaanii ergane.
ACT 8:15 Isaan yennaa achi geyane, Ayyaana Woyyicha akka fudhatanu dhugeeffattootaaf daadimatane.
ACT 8:16 Worri Samaariya'aa maqaa Goottaa Yesuusii qofaan cuuphameera malee, Ayyaanni Woyyichi isaan keessaa nama tokko irralle'etti bu'ee hin jiruuyyu.
ACT 8:17 Tanaaf Pheexroosii fi Yohaannis harka ifii isaan irra keyane; isaanille Ayyaana Woyyicha fudhatane.
ACT 8:18 Yennaa ergantooti harka ifii dhugeeffattoota irra keyane, Simoon akka Ayyaanni Woyyichi namootaaf kenname dhagge. Maarre inni Pheexroosii fi Yohaannisiif beesee fidee,
ACT 8:19 «Nami ani harka kiyya irra keyu duudiin, akka Ayyaana Woyyicha fudhatu hunna tana analle'eef kenna'a» jedhe.
ACT 8:20 Pheexroos ammoo deebisee, «Ati Kennansa Waaqaa beese'een bitatiisaaf waan yaaddeef, atii fi beeseen teetille qile'etti bada'a!
ACT 8:21 Gadhaan keeti Waaqa duratti qajeelaa waan hin te'iniif, ati hirmaannaa yookiin qooda hujii teenna keessaa hin qaddu.
ACT 8:22 Tanaaf hammeenna yaada gadhaa keetii kana irraa deebi'i; waan akkana yaadatte kanaaf si'iif araarama fa'a te'a, gara Gootta'aa daadimadhu.
ACT 8:23 Ati hinaaffaa hadhoottu'uun guutantee, hidhamaa cubbu'uu akka teete dhaggeera» jedhe.
ACT 8:24 Simoon, Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Waan isin anaan jettane kana keessaa tokkolle akka ana hin dhaqqanne, maganne'ee gara Gootta'aa naaf daadimadha'a» jedhe.
ACT 8:25 Pheexroosii fi Yohaannis dhugaa bayanee, Jecha Gootta'aa odeessaneen duuba, ollaa worra Samaariya'aa hedduu keessa Oduu Gammadaa lallabaa gara Yerusaalemii deebi'ane.
ACT 8:26 Ergamaan Waaqaa Filiphoosiin, «Ka'iitii, Yerusaalem irraa karaa kibba goomolee Gaaza'aa geessu dhaqi» jedheen.
ACT 8:27 Maarre Filiphoos ka'ee dhaqe; namichi guneessichi Itoophiya'aa tokkolle itti dhufe; inniin kun qabeenna giittittii Itoophiya'aa ta «Kandaakee» jedhantuu irratti qondaala ture; inni Waaqa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqeera.
ACT 8:28 Inni gara biyya ifii yennaa deebi'u garreettaa geejjibaan harkifamu irra tee'ee, kitaaba raagicha Isaayaasii dubbisaaraayyu.
ACT 8:29 Ayyaanni Woyyichi Filiphoosiin, «Beenu gara garreettaa geejjibaan harkifamu sanii dhikaadhu» jedhe.
ACT 8:30 Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isaayaasii keessaa dubbisuun dhage'ee, «Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?» jedhee gaafate.
ACT 8:31 Guneessichi deebisee, «Adoo nami tokko naaf issee hin himin attamiin hubatiisa dande'a?» jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee'uuf waame.
ACT 8:32 Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru, «Inni akka hoolee qalantuu oofame; akka ilmayyoo hoole'ee, yennaa nami rifeensa irraa muru cadhittuu, Inni waan tokkolle hin dubbanne.
ACT 8:33 Inni ifi gad qabee, muraa dhuga'aa dhabe. Jiruun isaa lafa irraa waan fudhatanteef, eennuttuu sanyii isaa himuu dande'a?» ka jedhu.
ACT 8:34 Guneessichi Filiphoosiin, «Raagichi waan kana marroo eennuu dubbataara? Marroo ifiiti moo marroo nama dhibi'ii ti? Me natti himi» jedhe.
ACT 8:35 Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime.
ACT 8:36 Isaan adoo karaa san gad deemanuu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, «Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?» jedhe. [
ACT 8:37 Filiphoos deebisee, «Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta» jedhe. Guneessichi deebisee, «Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te'e hin dhugeeffadha» jedhe.]
ACT 8:38 Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe.
ACT 8:39 Isaan bisaan keessaa yennaa bayane, Ayyaanni Gootta'aa Filiphoos butee fuudhee deeme. Guneessichi deebi'ee isa hin dhaggine. Teetuu malee karaa ifiititti deebi'ee, gammadaa deeme.
ACT 8:40 Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qiisaariya'aa dhaqe.
ACT 9:1 Saa'ol ammalle barattoota Gootta'aa ijjeesiisaaf dhaadataa, gara Hayyicha gudda'aa dhaqe.
ACT 9:2 Worra karaa Gootta'aa hordofu dhiiraa fi dubartiille yoo dhagge, hidhee gara Yerusaalemii fidiisaaf akka dande'u, xalayaa gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa ka Damaasqo'oo akka isaaf barreessu, Hayyicha Guddaa gaafate.
ACT 9:3 Saa'ol adoo deemuu qachaa Damaasqo'ootitti dhikaateeruun, dedhuma ifi ol-gubba'aa irraa adaala isaatitti balaqqise.
ACT 9:4 Inni lafatti jigee qoonqoo, «Saa'ol, Saa'ol maaf na miita?» jettu dhage'e.
ACT 9:5 Saa'olille, «Gootta'a, ati eennu?» jedhee gaafate. Qoonqoolle, «Ani Yesuusii ati miitu;
ACT 9:6 ammoo, ka'ii gara qacha'aa seen. Wonni ati godhuu qaddu achitti si'itti himama» jette.
ACT 9:7 Namooti Saa'ol woliin deemiisatti jiranu, qoonqoo dhage'ane malee, nama dubbatu hin dhaggine; isaan cadhisanee dhaabbatane.
ACT 9:8 Saa'ol addee jigee ka'ee ila ifii yennaa banate, womaa dhaggiisaaf hin dandeenne. Tanaaf isaan harka isaa qabanee, gara qachaa Damaasqo'oo isa geessane.
ACT 9:9 Inni haga guyyaa sadii womaa dhagguu hin dandeenne; hin nyaannelle'e yookiin hin unnelle'e.
ACT 9:10 Yennaa san barataan Anaaniiyaas jedhamu tokko, Damaasqoo keessa jiraayyu. Goottaan mudhi'iin «Anaaniiyaas» jedheen. Innille deebisee, «Kunoo ani as jira, Gootta'a» jedhe.
ACT 9:11 Goottaalle, «Qophowiitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu dhaqiitii, mana Yudaasiititti namicha lafa Xarseesii, ka maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko iyyaafadhu. Inni amma daadimatiisatti jira;
ACT 9:12 Saa'ol mudhi'iin namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko dhufee, harka ifii isa irra keyee akka fayyu dhaggeera» jedheen.
ACT 9:13 Anaaniiyaas deebisee, «Gootta'a, namichi kun kolbaa teeti ta Yerusaalem keessa jirtu waan hantuu akka inni godheeru nami hedduun natti himeera.
ACT 9:14 Inni worra maqaa keeti waammatu mara hidhiisaaf, sooreyyii hayyootaa irraa baallii dhaggateera» jedhe.
ACT 9:15 Goottaan Anaaniiyaasiin, «Inni maqaa kiyya worra Yihudoota hin te'iniif, moototaa fi kolbaa Israa'eliitiif akka beessisu, tajaajilaa kiyya ka ani filadhe waan te'eef gara isaa dhaqi.
ACT 9:16 Akka inni marroo maqaa kiyyaatiif guddoo rakkatu, aninuu isatti hin mudhisa» jedhe.
ACT 9:17 Maarre Anaaniiyaas deemee, mana Saa'ol jiru seene; inni harka ifii Saa'ol irra keyee, «Obboleessa kiyya Saa'ol, Goottaan Yesuus, as dhufiisatti jirtuun karaa irratti ka si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggituu fi Ayyaana Woyyichaan akka guutantuuf ana ergeera» jedhe.
ACT 9:18 Yoosuma wonni akka solloqqee qurxummi'ii fakkaattu, ila Saa'olii irraa buutee, deebi'ee dhaggiisaaf dande'e. Inni ol ka'ee cuuphame;
ACT 9:19 sagalee nyaateen duuba jabaate. Saa'ol guyyoota diqqa'aaf lafa Damaasqo'oo keessa barattoota woliin ture.
ACT 9:20 Saa'ol adoo hin turin mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee, «Yesuus Ilma Waaqaa ti» jedhee lallabiisa jalqabe.
ACT 9:21 Worri isa dhage'e duudiin baaseffatee, «Inni Yerusaalem keessatti worra maqaa Yesuusii waamu ka balleessaa turee motii? Ammalle inni isaanuma hidhee gara sooreyyii hayyootaa geessiisaaf as hin dhunnee?» jedhane.
ACT 9:22 Saa'ol ammoo lallabi isaa irra caalaa hunna dhaggataa deemee, Yesuus Masiihii akka te'e mirkaneessinaan, Yihudooti Damaasqoo keessa le'anu waan jedhanu wollaalane.
ACT 9:23 Guyyaa heddu'uun duuba Yihudooti, Saa'ol ijjeesiisaaf mala dhowane.
ACT 9:24 Inni ammoo mala isaanii beeke. Isaanille isa ijjeesiisaaf halkanii fi guyyaa karra qacha'aatitti isa eegane.
ACT 9:25 Hordofattooti Saa'olii ammoo, gaafa tokko halkaniin, Saa'ol xaxxoo keessa keyanee, foddaa dalleya dhaka'aatiin gad buusane.
ACT 9:26 Saa'ol gara Yerusaalemii yennaa dhaqe, barattootatti makamiisaaf wodhaane; isaan ammoo akka inni dhugumaan barataa te'e waan hin dhugeeffatiniif, duudiinuu isa sodaatane.
ACT 9:27 Baarnaabaas ammoo isa fuudhee gara ergantootaa geessee, karaa irratti Goottaan attamiin akka isa dhaggee fi attam akka itti dubbate, akkasuma Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin sodaa malee akka inni lallabe isaanitti hime.
ACT 9:28 Maarre Saa'ol isaan woliin te'ee Yerusaalem duudii keessa dhaqee, sodaa malee maqaa Gootta'aatiin lallabe.
ACT 9:29 Inni Yihudoota afaan Giriiki'ii dubbatanu woliin dubbataa itti moromaa ture; isaan ammoo isa ijjeesiisaaf wodhaanane.
ACT 9:30 Dhugeeffattooti waan kana yennaa beekane, gara Qiisaariya'aa geessane; achille'een gara Xarseesii ergane.
ACT 9:31 Achiin duuba wolde'i kiristaanaa ka Yihudaa, Galiilla'aa fi Samaariyaa keessa jiranu duudiin nageya dhaggatanee jabaatane; Goottaalle ulfeessaa, Ayyaana Woyyichaan jajjabaataa, laakkossaan heddatane.
ACT 9:32 Pheexroos addee duudii adoo deddeemuu, kolbaa Waaqaa ta lafa Liidaa keessa leetu ilaaliisaaf dhufe.
ACT 9:33 Inni achitti namicha Eneyaas jedhamu, ka nafi isaa laashoweeruu fi haga woggaa saddeetii taqee irraa ka'ee hin dandeenne tokko dhagge.
ACT 9:34 Pheexroos, «Eneyaas, Yesuus Kiristoos si fayyisa ol ka'iitii, taqee teeti afadhu» jedhe. Yoosuma Eneyaas ol ka'ee dhaabbate.
ACT 9:35 Kolbaan Liidaa fi Saaron keessa leetu duudiin isa dhaggitee, gara Gootta'aa deebite.
ACT 9:36 Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi'ii afaan Giriikiitiin Dorqa'a; hiikkaan, «Buddannee» jechu'u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte.
ACT 9:37 Yennaa san isiin dhibantee duunaan, reeffa isi'ii dhiqanee kolloo mana gubba'atti ijaarantee keessa irkisane.
ACT 9:38 Liidaan Yophe'etti dhikoo waan teeteef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage'ane, nama lama gara isaa erganee, «Maganne'ee ariifadhuutii gara keenna koy» jedhanee kadhatane.
ACT 9:39 Maarre Pheexroos ka'ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho'oo fi uffana Dorqaan jiru'uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa bowane.
ACT 9:40 Pheexroos isaan duudii kollo'oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, «Xaabiitaa, ka'i!» jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette.
ACT 9:41 Inni harka isii qabee ol kaase. Achiin duuba dhugeeffattootaa fi haadhotii hiyyeessaa duudii waamee, jirtuu isi'ii isaan duratti dhikeesse.
ACT 9:42 Oduun tun Yophee duudii keessatti beekkante; kolbaan hedduulle Gootta'atti dhugeeffatte.
ACT 9:43 Pheexroosille namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko woliin, guyyaa hedduu Yoophee keessa ture.
ACT 10:1 Qachaa Qiisaariya'aa keessa namichi Qorneelewos jedhamu tokko, kutaa woraana worra Rooma'aa ka «Ixaaliqaa» jedhamee waamamuuf ajaja dhibbaa ka ite'e jiraayyu.
ACT 10:2 Inni maatii ifii duudii woliin nama Waaqa waaqonfatuu fi Waaqa sodaatu. Inni ammalle worra Yihudootaa keessaa hiyyeeyyii guddoo qarqaaraa, yennaa mara Waaqa daadimataa ture.
ACT 10:3 Gaafa tokko saafowa gara saatii sagaliititti, ergamaan Waaqaa gara isaa dhufee, «Qorneelewos» jedhee isa waamuun mudhi'iin dhagge.
ACT 10:4 Qorneelewosille erganticha Waaqaa hubatee ilaalee soda'aan, «Gootta'a, maan?» jedhe. Ergamaan Waaqaa deebisee, «Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera.
ACT 10:5 Ammalle namoota gara qachaa Yophe'ee ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu tokko waansisi.
ACT 10:6 Inni abbaayaa cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira» jedhe.
ACT 10:7 Achiin duuba ergantichi isatti dubbatee biraa deemeeruun, Qorneelewos tajaajiltoota ifii keessaa nama lamaa fi loltoota isaaf addatamanu keessaa nama tokko waamee,
ACT 10:8 waan te'e san duudii isaanitti himeen duuba, gara qachaa Yophe'ee erge.
ACT 10:9 Boruyyaa worri ergame qachaa Yophe'ee bira geyeeruun, Pheexroos gara saatii jaatitti daadimatiisaaf gara mana mana gubba'aa ol baye.
ACT 10:10 Yennaa san Pheexroos beelowee waan nyaatu barbaade; adoo sagaleen qophowiisatti jirtuu galaalchee mudhii dhagge.
ACT 10:11 Inni ol gubbaan banantee, wonni akka woyaa guddoo fakkaattu roga afuriinuu gad bu'aartuun dhagge.
ACT 10:12 Woyaa san keessa bineensoti miila afur qabanu, ka gadha'aan lowanuu fi sinbirrooti koolaan ka'anu duudiin jiran.
ACT 10:13 Yennaa san qoonqoon, «Pheexroos, ka'i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!» jettu dhage'e.
ACT 10:14 Pheexroos ammoo, «Hin teetu, Gootta'a! Ani waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin waan battii nyaadhee hin beeku» jedhe.
ACT 10:15 Ammalle qoonqoon deebitee, «Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakkowin» jetteen.
ACT 10:16 Tun yennaa sad teetee, wonni akka woyaa guddoo fakkaattu sun gara ol-gubba'aa fudhatante.
ACT 10:17 Pheexroos mudhiin tun maan jedhee adoo baaseffatiisatti jiruu, namooti Qorneelewos erge mana Simoonii iyyaafatanee dhufanee, balbala dura dhaabbatane.
ACT 10:18 Isaan qoonqoo ol qabatanee, «Keessumtichi Simoon Pheexroos jedhamu tokko as jiraa?» jedhanee gaafatane.
ACT 10:19 Pheexroos ammalle marroo mudhi'ii adoo yaadatiisatti jiruu Ayyaanni, «Kunoo! Namooti sad si barbaadiisatti jiran.
ACT 10:20 Tanaaf ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan te'eef adoo hin mamin isaan woliin deem» jedhe.
ACT 10:21 Maarre Pheexroos gad bu'ee isaaniin, «Nami isin barbaaddanu ana; maaf dhuttane?» jedhe.
ACT 10:22 Isaan deebisanee, «Ajajaa dhibbaa ka te'e, Qorneelewositti nu erge; inni nama qajeelaa Waaqa waaqonfatuu fi kolbaan Yihudootaa duudiin ulfeessitu; inni gara mana ifii si waansisee, waan ati jettu akka dhage'u, ergamaan Waaqaa woyyichi isatti himeera» jedhane.
ACT 10:23 Pheexroosille ol isaan waamee, keessumsiisee bulche. Pheexroos boruyyaa ka'ee isaan woliin deeme; dhugeeffattooti qachaa Yophee keessaalle gariin isa woliin deemane.
ACT 10:24 Guyyaa itti aanu qachaa Qiisaariya'aa geyane; Qorneelewosille firootaa fi jaalota ifii waammatee, isaan eegate.
ACT 10:25 Pheexroos gara manaa yennaa seene, Qorneelewos isaa dhaggee, miila isaatitti jigee sagadeef.
ACT 10:26 Pheexroos ammoo, «Ka'i! Anille namuma akka keetii ti» jedhe.
ACT 10:27 Pheexroos isa woliin haasowaa yennaa mana seene, kolbaan hedduun wolitti qabanteertuun dhagge.
ACT 10:28 Inni isaaniin, «Nami gosa Yihudi'ii tokko, worra Yihudii hin te'in woliin firoomuu yookiin mana wolii dhaquu seerri dhugeeffannaa teennaa akka hin eeyyanne isinuu hin beettan. Waaqi ammoo, akka ani nama tokkolle'een aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullu'uu moti yookiin battii akka hin jenne natti mudhiseera.
ACT 10:29 Tanaaf yennaa isin natti ergitane, ani adoo hin mamin dhufe; yoona maaf akka natti ergitane beekuu barbaada» jedhe.
ACT 10:30 Qorneelewos deebisee, «Guyyaa afuriin dura yennuma tana guyyaa keessa saatii sagalitti, ani mana kiyya keessatti daadimatiisatti jiruun, dedhuma nami woyaa calalaxxuu uffateeru tokko na dura dhaabbattee,
ACT 10:31 ‹Qorneelewos! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera› jedhe.
ACT 10:32 Nama gara Yophe'ee ergiitii namicha Simoon Pheexroos jedhamu waansisi. Inni abbaayaa cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira.
ACT 10:33 Tanaaf anille yoosuma sitti erge; atille baga dhutte. Amma nuuti duudiin waan Goottaan sitti hime duudii si irraa dhage'iisaaf, fuula Waaqaa duratti asitti wolitti qabanneerra» jedhe.
ACT 10:34 Pheexroos isaaniin, «Dhugumaan Waaqi akka nama wol hin caalchinne hubadheera.
ACT 10:35 Nama biyya tamiille te'uutii, ka Waaqa sodaatuu fi waan sirrii godhu Waaqa biratti fudhatama qaba.
ACT 10:36 Waaqi Jecha ifii kolbaa Israa'eliitiif erguu isaa, Oduu Gammadaa ta nageyaa, karaa Yesuus Kiristoosii Goottaa nama maraatiin lallabuu isaa hin beettan.
ACT 10:37 Yohaannis marroo cuupha'aa lallabeen duuba, biyya Galiila'aatii jalqabee lafa Yihuda'aa mara keessatti waan te'e hin beettan.
ACT 10:38 Waaqi, Yesuusii Naaziretii Ayyaana Woyyichaan muudee hunna akka isaaf kenne, Yesuusille Waaqi isa woliin waan jiruuf addee mara dhaqee hujii dansaa hujee, worra Seexanaan qabame duudii akka fayyise hin beettan.
ACT 10:39 Nuuti biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemiititti, waan Yesuus godhe maraaf dhugaa baatota; isaan ammoo isa fannoo irratti fannisanee ijjeesane.
ACT 10:40 Waaqi ammoo guyyaa sadeesso'oo du'aa isa kaasee, akka inni mudhatu godhe.
ACT 10:41 Mudhatuun isaa nama duudi'iif adoo hin te'in, nu worra dhugaa bayoota isaa akka teenuuf filannee, du'aa ka'a isaatiin duuba isa woliin nyaannee fi unnetti mudhateera.
ACT 10:42 Waaqi akka nuuti wongeela kolba'aaf lallannu, worra jiruu fi du'e irratti abbaa mura'aa akka te'uuf akka isa file, akka dhugaa baanuuf nu ajajeera.
ACT 10:43 Worri isatti dhugeeffatu duudiin, maqaa isaatiin araara cubbu'uu akka dhaggatanu, raagoti duudiin dhugaa bayaneeran» jedhe.
ACT 10:44 Adoo Pheexroos tana dubbatiisatti jiruu, Ayyaanni Woyyichi worra dubbii isaa dhage'iisatti jiru duudii irratti bu'e.
ACT 10:45 Yihudooti dhugeeffataneeranu ka Pheexroos woliin dhufane, Waaqi kennansa Ayyaana Woyyichaa worra Yihudoota hin te'iniifille kennuu isaa dhagganee baaseffatane.
ACT 10:46 Yihudooti dhugeeffatane, worri Yihudoota hin te'in afaan haareya dubbataa Waaqa leellifatanuun dhaggane. Achiin duuba Pheexroos,
ACT 10:47 «Kolbaan tun akkuma keenna Ayyaana Woyyicha fudhatteerti. Akka isaan bisaaniin hin cuuphanne eentu dhoogga ree?» jedhe.
ACT 10:48 Maarre Pheexroos akka isaan maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamanu ajaje. Achiin duuba isaan akka Pheexroos guyyaa diqqa'aaf isaan woliin turu gaafatane.
ACT 11:1 Ergantootaa fi dhugeeffattooti biyya Yihuda'aa keessaa, worri Yihudoota hin te'inille Jecha Waaqaa akka fudhatane dhage'ane.
ACT 11:2 Maarre Pheexroos yennaa gara Yerusaalemii ol dhaqe, Yihudooti dhugeeffatane isatti mormanee,
ACT 11:3 «Ati mana worra haqanqabaa hin qabatinii dhaxxee, isaan wolille'een nyaatte» jedhane.
ACT 11:4 Pheexroos ammoo, waan te'e mara tokko tokkoon isaanitti himuu jalqabee:
ACT 11:5 «Ani qachaa Yophe'ee keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, galaalchee mudhii dhagge. Wonni akka woyaa guddo'oo fakkaattu roga afuriinuu ol gubbaa irraa dhuttee, na cinaa buute.
ACT 11:6 Ani hubadhee yennaa ilaale, woyaa san keessa horii miila afur qabu, bineensota, bineensota gadha'aan lowanuu fi sinbirroota koolaan ka'anu dhagge.
ACT 11:7 Achiin duuba qoonqoo, ‹Pheexroos, ka'i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!› jettu dhage'e.
ACT 11:8 Ani ammoo, ‹Hin teetu, Gootta'a! Wonni aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin wonni battiin afaan kiyya seentee hin beettu› jedhe.
ACT 11:9 Ammalle qoonqoon ol-gubbaa irraa, ‹Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakkowin› anaan jette.
ACT 11:10 Tun yennaa sad teeteen duuba, wonni sun duudiin gara ol-gubba'aa fudhatante.
ACT 11:11 Yennaa san namooti sad ka Qiisaariyaa irraa gara kiyya ergamane, gara mana ani turee dhufane.
ACT 11:12 Ayyaanni Woyyichi akka ani mama malee isaan woliin deemu natti hime. Dhugeeffattooti jaan ka as na bira jiranulle na woliin dhaqanee, duudiin keenna mana Qorneelewosii seenne.
ACT 11:13 Qorneelewosille, ergamaan Waaqaa mana isaa keessa dhaabbateeruun akka dhaggee fi ergantichi isaan, ‹Gara Yophe'ee nama ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu waansisi;
ACT 11:14 inni dubbii atii fi worri keeti duudiin ittiin fayyitanu hin dubbata› akka jedheen nutti hime.
ACT 11:15 Yennaa ani dubbatiisa jalqabe, Ayyaanni Woyyichi akkuma jalqaba nu irratti bu'e, isaan irralle'etti bu'e.
ACT 11:16 Yennaa san waan Goottaan, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan› jedhe qaabadhe.
ACT 11:17 Waaqi yennaa nuuti Goottaa Yesuus Kiristoositti dhugeeffanne kennansuma nu'uuf kenne san, isaan worra Yihudoota hin te'iniifille eega kenne, ka Waaqa dhooggu ani eennu ree?» jedhe.
ACT 11:18 Isaan yennaa tana dhage'ane, moromaa lakkisanee, «Waaqi worra Yihudoota hin te'inille akka cubbuu irraa deebi'anee jiraatanu carraa kenneera» jedhanee Waaqa leellisane.
ACT 11:19 Miidhaa yennaa Isxifaanos ijjeefame ka'een, dhugeeffattooti bittinnowane haga qachaa Finiqee, Qophiroosii fi Anxokiyaa deemanee, Jecha Waaqaa worra Yihudootaa calla'aaf himane.
ACT 11:20 Te'uu malee dhugeeffattooti qachaa Qophiroosiitii fi Qareena'aatii dhufane gariin, gara qachaa Anxokiya'aa yennaa dhufane, worra Giriikootaalle'eef Oduu Gammadaa ta marroo Goottaa Yesuusii himane.
ACT 11:21 Goottaan hunna ifiitiin isaan qarqaare; kolbaan hedduulle dhugeeffattee gara Gootta'aa deebite.
ACT 11:22 Wolde'i kiristaanaa ka Yerusaalem keessaa oduu tana dhage'ee, Baarnaabaas gara Anxokiya'aa erge.
ACT 11:23 Inni achi geyee, Waaqi attam kolbaa akka badhaase yennaa dhagge, gammadee, duudiinuu gadhaa tokkoon Gootta'aaf addatamanee akka jabaatanu itti gorse.
ACT 11:24 Baarnaabaas nama arjaa Ayyaana Woyyichaa fi dhugeeffanna'aan guutame waan te'eef, kolbaan hedduun gara Gootta'aa deebite.
ACT 11:25 Achiin duuba Baarnaabaas Saa'ol barbaadiisaaf gara Xarseesii dhaqe.
ACT 11:26 Yennaa isa dhagge gara Anxokiya'aa isa fidee, woggaa guutuu isaan lamaanuu wolde'a Kiristaanaa woliin gumii hedduu barsiisane. Dhugeeffattooti qaraa Anxokiya'atti, «Kiristaanota» jedhamanee waamamane.
ACT 11:27 Yennaa san raagoti gariin Yerusaalemii gara Anxokiya'atti gad bu'ane.
ACT 11:28 Isaan keessaa tokkochi Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa duudii irratti beelti jadduun akka bu'aartu, Ayyaana Woyyichaan raaga dubbate; kunille bara Kilaawudiiyos mootii te'eerutti muummowe.
ACT 11:29 Barattooti tokko tokkoonuu akkuma dandeettii ifiititti, dhugeeffattoota Yihudaa keessa leetu qarqaariisaaf murteeffatte.
ACT 11:30 Isaan tana godhanee, achiin duuba beesee karaa Baarnaabaasiitii fi Saa'oliitiin gara jaarsota wolde'a Kiristaanaa ergane.
ACT 12:1 Bara san mootichi Heroodis, miseensota wolde'a kiristaanaa tokko tokko miidhuu jalqabe.
ACT 12:2 Inni Yaaqoobii obboleessa Yohaannisii shallaaga'aan ijjeesise.
ACT 12:3 Wonni kun Yihudoota akka gammachiitte yennaa dhagge, itti dabalee Pheexroos qassiise; tunille yennaa Jila Daabboo Uukoo hin qannee teete.
ACT 12:4 Heroodis yennaa Pheexroos qassiisee mana hidha'aatitti galche, afur afur te'anee akka isa eeganu loltoota dabaree afuritti qoodamaneeranutti isa kenne. Jila Irra Dabaramaatiin duuba kolbaa duratti akka isa dhikeessuuf yaadate.
ACT 12:5 Adoo Pheexroos mana hidha'aa keessatti eegamuu, wolde'i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate.
ACT 12:6 Halkan bari'een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha'aa dura dhaabbatanee eegane.
ACT 12:7 Dedhuma ergamaan Gootta'aa achi dhaabbatee, manni hidha'aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, «Ariifadhuu ka'i!» jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute.
ACT 12:8 Achiin duuba ergamaan, isaan «Hidhadhu! Kophee teetille keyadhu» jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin duuba ergantichi, «Woyaa teeti uffadhuu na gula koy» jedheen.
ACT 12:9 Pheexroos mana hidha'aa keessaa bayee, erganticha gula deeme; ammoo waan ergamaan Gootta'aa godhe hin beenne; inni waan duudii oojjuu seye.
ACT 12:10 Isaan worra eedduu tokkeesso'ootii fi lammeesso'oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha'aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme.
ACT 12:11 Pheexroos yennaa bayyanate, «Goottaan ergamaa ifii ergee harka Heroodisiitii fi waan worri Yihudootaa na irratti yaadane mara jalaa akka ana baase, amma dhugumaan beekeera» jedhe.
ACT 12:12 Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe.
ACT 12:13 Pheexroos achi geyee balbala karra alaa yennaa dhodhowe, tajaajiltittiin Roodaa jedhantu takka dhuttee owwaatte.
ACT 12:14 Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, «Pheexroos balbala dura dhaabbateera!» jettee odeessite.
ACT 12:15 Isaan, «Ati maraatteerta!» isi'iin jedhane. Isiin ammoo ittuma deddeebitee, «Lakkii isuma» jette. Achiin duuba isaan, «Ergamaa Waaqaa ka isa eegu te'innaa» jedhane.
ACT 12:16 Pheexroos ammoo balbala dhodhowiisa hin lakkinne; isaan balbala bananee yennaa isa dhaggane baaseffatane.
ACT 12:17 Inni akka isaan cadhisanu harka ifiitiin beessisa itti kennee, Goottaan mana hidha'aa keessaa attam akka isa baase isaanitti odeessee, «Dubbii tana Yaaqoobii fi dhugeeffattoota dhibiille'etti hima'a» jedhee, bayee addee dhibii dhaqe.
ACT 12:18 Yennaa latti bariite, loltooti, «Pheexroos maan te'e?» jedhanee, waan godhanu wollaalanee baaseffatane.
ACT 12:19 Heroodis Pheexroos barbaachisee isa dhagguu dhabee jennaan, eeddota qorateen duuba akka ijjeefamanu ajaje; Achiin duuba Heroodis Yihudaa irraa gara Qiisaariya'atti gad bu'ee achi ture.
ACT 12:20 Heroodis kolbaa Xiiroosiitii fi Sidooniititti guddoo aareeraayyu. Maarre isaan wolii galte'een gara isaa dhufanee, Bilaasxosii tajaajilaa addatamaa mana mootichaa, Heroodisitti dhikaatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole jechisiifataneen duuba, mooticha araara gaafatane; isaan biyya mootichi bulchu keessaa sagalee waan dhaggatanuuf tana jedhane.
ACT 12:21 Guyyaa wol dhaggiisaaf qabatane, Heroodis uffana mootummaa ifii uffatee, barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, kolba'atti dubbate.
ACT 12:22 Isaan, «Tun qoonqoo waaqaa ti malee, ta namaatii moti» jedhaa iyyane.
ACT 12:23 Heroodis ulfinna Waaqaaf waan kennuu dhabeef, ergamaan Waaqaa yoosuma isa dhowe; corroxxille isa nyaattee du'e.
ACT 12:24 Jechi Waaqaa ammoo, gudddataa badhataa deeme.
ACT 12:25 Baarnaabaasii fi Saa'ol ergaa dhaqaneef muummessanee, Yerusaalem irraa deebi'ane; Yohaannisii Maarqoos jedhamulle ifi faana fuudhanee dhufane.
ACT 13:1 Wolde'a kiristaanaa ka Anxokiya'aa keessa raagotaa fi barsiisoti jiraniiyyu: isaanille Baarnaabaas, Simoon ka «Gurraacha» jedhamu, Luukiyoosii biyya Qareena'aa, Maanaa'enii Heroodisii bulchaa woliin guddatee fi Saa'ol fa'a.
ACT 13:2 Isaan Goottaa tajaajilaa adoo laamanuu Ayyaanni Woyyichi isaaniin, «Baarnaabaasii fi Saa'ol hujii ani isaan waameef, isaan naaf fowa'a» jedhe.
ACT 13:3 Isaan laamanee daadimatanee, harka ifii isaan irra keyaneen duuba ergane.
ACT 13:4 Baarnaabaasii fi Saa'ol Ayyaana Woyyichaan ergamanee, gara qachaa seluuqiya'aatitti gad bu'anee, hobolo'oon gara oddoola Qophiroosii dhaqane.
ACT 13:5 Isaan yennaa qachaa Salaamiisii geyane, Jecha Waaqaa mana waaqonfannaa Yihudootaatitti lallabane. Yohaannisiin Maarqoos jedhamulle isaan woliin jiraatee isaan qarqaare.
ACT 13:6 Isaan oddoola Qophiroosii keessa qaccee garanaatii haga qaccee taanii qaxxaamuranee, qachaa Phaafoosii yennaa geyane, namicha xanoo xanu Yihudicha Baar-Yesuus jedhamu tokko dhaggane; inni raagicha dharaamessa.
ACT 13:7 Inni lansa bulchaa oddoolaa qalbicha ka Sergiiyosii Phawuloos jedhamuu ti. Bulchaan kun Jecha Waaqaa isaan irraa dhage'iisaaf barbaadee, Baarnaabaasii fi Saa'ol gara ifii waame.
ACT 13:8 Namichi xanoo xanu ka afaan Giriikiitiin «Eliimaas» jedhamu ammoo, bulchaan biyya sanii akka hin dhugeeffanne barbaadee, isaaniin morme.
ACT 13:9 Achiin duuba Phawuloos ka jedhame Saa'ol Ayyaana Woyyichaan guutamee, namicha xanoo xanu hubatee ilaalee,
ACT 13:10 «Ati ilma Seexanaa ti! Ati diina dhugaa maraa ti! Ati sobaa fi hammeenna duudi'iin guutanteerta; ati yennaa mara dhugaa Gootta'aa gara sobaa jijjiiriisa hin lakkittuu?
ACT 13:11 Ammalle harki Gootta'aa si hin dhowa; ballaa hin teeta; yennaa diqqoolle ifa adu'uu hin dhaggitu» jennaan, Yoosuma hurri'ii fi dukkanti ila isaa qaddee, nama harka qabee isa sooressu adaala ifii qaqqabatiisa jalqabe.
ACT 13:12 Bulchaan waan te'e san yennaa dhagge, barsiisiisa Gootta'aa guddoo waan baaseffateef dhugeeffate.
ACT 13:13 Phawuloosii fi hordofattooti isaa lafa Phaafoosiitii hobolo'oon ka'anee, gara qachaa Pherge'ee ka Phamfiliyaa keessatti dhaggamuu dhaqane; Yohaannisiin Maarqoos jedhamu ammoo, isaan lakkisee gara Yerusaalemii deebi'e.
ACT 13:14 Isaan ammoo lafa Pherge'eetii ka'anee, gara qachaa Anxokiya'aa ka lafa Phisiidiya'aa keessatti dhaggamuu dhaqane; guyyaa Sanbataa mana waaqonfannaa Yihudootaa seenanee tee'ane.
ACT 13:15 Kitaab Seera Muuse'eetii fi Raagotaa dubbifameen duuba, bulchitooti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa isaanitti erganee, «Obboleeyyan, jecha nama jajjabeessu yoo qabaattane dubbadha'a» jedhane.
ACT 13:16 Yoos Phawuloos ka'ee harkaan isaan haatatee: «Kolbaa Israa'eliitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu, waan ani jedhu dhage'a'a!
ACT 13:17 Waaqi kolbaa Israa'elii, abbootii teenna fowatee, yennaa isaan akka ormaatitti biyya Gibxii keessa le'ane, gosa guddoo isaan godhe. Inni hunna guddoo ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee,
ACT 13:18 haga woggaa afurtamaa lafa goomole'ee keessatti isaan ossate.
ACT 13:19 Inni lafa Kana'aanii keessaa gosa biyya adda addaa torba balleessee, lafa isaanii kolbaa ifiitiif kenne.
ACT 13:20 Wonni kun duudiin gara woggaa dhibba afurii fi shantamaa keessatti teete. «Kanaan duuba Waaqi haga bara Saamu'elii raagichaatitti abbootii mura'aa isaaniif kenne.
ACT 13:21 Yennaa isaan mootii nu'uuf kenni jedhanee gaafatanetti, Waaqi gosa Beniyaaminii keessaa Saa'olii ilma Qiishii isaaniif kenne; innille woggaa afurtama isaan bulche.
ACT 13:22 Saa'ol mootummaa irraa buuseen duuba, Waaqi Daawiti mootii isaanii godhe. Waaqi marroo isaatiif dhugaa bayee, ‹Ani, Daawitii ilma Iseyii nama akka gadhaa kiyyaa, ka fedhii tiyya duudii muummessu dhaggadheera› jedheera.
ACT 13:23 Waaqi akkuma waadaa galetti, sanyii namicha kanaa keessaa fayyisaa Yesuus kolbaa Israa'eliitiif fideera.
ACT 13:24 Dhufa Yesuusiitiin dura Yohaannis, kolbaan Israa'elii marti cubbuu irraa deebitee akka cuuphantuuf lallabeera.
ACT 13:25 Yohaannis tajaajila ifii fixatiisatti adoo jiruu kolba'aan, ‹Isin eennu na seetan? Ani ka isin eegattanu sanii moti. Ammoo ka ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille hin teene, na duubaan dhufaara› jedheen.
ACT 13:26 «Obboleeyyan tiyya, isin sanyiin Abrahaamiitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu duudiin, ergaan fayyinnaa tun nu duudi'iif ergante.
ACT 13:27 Kolbaan Yersaalemiitii fi sooressitooti isaaniille Yesuus fayyisaa akka te'e hin beenne; isaan dubbii raagotaa ta Sanbata Sanbataan dubbifantu hubatuu dhabiisaan isatti muranee, dubbiin raagaa akka muummottu godhane.
ACT 13:28 Isaan sababa ittiin Yesuus ijjeesisanu dhabanulle, akka inni ijjeefamuuf Philaaxoos gaafatane.
ACT 13:29 Waan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif jedhu duudii muummessaneen duuba, muka irratti fannifame irraa gad buusanee awwaalane.
ACT 13:30 Waaqi ammoo du'a irraa isa kaase.
ACT 13:31 Inni guyyaa hedduu worra isa woliin Galiilaa irraa gara Yerusaalemii dhufanetti mudhate. Amma isaan kolbaa teennaaf dhugaa bayoota.
ACT 13:32 «Nuuti waan Waaqi abbootii teennaaf waadaa gale Oduu Gammadaa isinitti hinna.
ACT 13:33 Inni Yesuus du'aa kaasiisaan waadaa isaaniif gale, nu'u ijoollee isaaniitiif muummesseera. Kunille kitaaba Faaru'uu ka lammeesso'oo keessatti, « ‹Ati Ilma kiyya; ani adha si uumadheera› jedhantee barreeffanteerti.
ACT 13:34 Akka inni du'a irraa isa kaasee fi tortoree hin jirre Waaqi mirkaneessiisaaf, ‹Ani eebba woyyichaa fi addatamaa, ka Daawitiif waadaa gale isiniif hin kenna› jedheera.
ACT 13:35 Tanaaf kitaaba Faaru'uu ka dhibii keessalle'etti, ‹Ati Woyyichi keeti awwaala keessatti akka tortoru hin lakkittu› jedha.
ACT 13:36 Daawiti bara ifiititti fedha Waaqaa tajaajilee du'eera; nafi isaalle abbootii isaa biratti awwaalamee tortoreera.
ACT 13:37 Ka Waaqi du'a keessaa kaase ammoo, nafi isaa hin tortorre.
ACT 13:38 Tanaaf obboleeyyan tiyya, araarri cubbu'uu karaa Yesuusiitiin akka isinii lallabame beeka'a.
ACT 13:39 Nami isatti dhugeeffatu duudiin, cubbuu seerri karaa Muuse'eetiin kenname bilisa baasiisaaf hin dandeenne duudii jalaa bilisa baya.
ACT 13:40 Tanaaf wonni raagoti, « ‹Ilaala'a, isin worra shasheessitoota! Baaseffadha'a! Bada'a! Waan eennulle yoo isinitti hime hin dhugeeffanne, ani bara keessanitti hin huja› jedhantee ta dubbatante, akka isin irratti hin muummonne ifi eegadha'a» jedhe.
ACT 13:42 Yennaa Phawuloosii fi Baarnaabaas Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa bayanee deemanu, Sanbata itti aanu dhufanee marroo waan kanaa akka itti himanuuf namooti isaan kadhatane.
ACT 13:43 Kolbaan wolde'a Mana Waaqonfannaa Yihudootaa irraa kaateen duuba, Yihudoota heddu'uu fi worri Yihudoota hin te'in ka gara dhugeeffannaa Yihudootaa deebi'ane, Phawuloosii fi Baarnaabaas hordofane. Phawuloosii fi Baarnaabaas isaan haasessanee, badhaadha Waaqaatiin jabaatanee akka jiraatanu isaan gorsane.
ACT 13:44 Sanbata itti aanu worra qachaa sanii keessaa hedduun Jecha Waaqaa dhage'iisaaf wolitti qabamane.
ACT 13:45 Worri Yihudootaa heddummaa namootaa yennaa dhagge, hinaaffa'aan guutamanee, waan Phawuloos jedhu moromanee isa arrassane.
ACT 13:46 Phawuloosii fi Baarnaabaas ammoo sodaa malee, «Jechi Waaqaa dursee isiniif himamuu qabaayyu; isin ammoo fudhatuu diddanee, jiruu bara baraatitti galiisaaf worra hin malle eega ifiin jettane, nuuti isin lakkinnee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqaarra.
ACT 13:47 Goottaan, «‹Haga qaccee lafaa duudii fayyinna akka fiddu, Ani worra Yihudoota hin te'iniif ifa si godheera› jedhee nu ajajeera» jedhane.
ACT 13:48 Worri Yihudoota hin te'in tana yennaa dhage'e, gammadee jecha Waaqaalle ulfeesse; worri jiruu bara baraatiif filameeru duudiille dhugeeffate.
ACT 13:49 Jechi Gootta'aalle adaala biyya sanii maratti babadhatte.
ACT 13:50 Yihudooti ammoo, dubartoota dureeyyii ta dhugeeffannaa Yihudootaa hordottuu fi worra gugurdaa qachaa sanii, Phawuloosii fi Baarnaabaas irratti miidhaa akka kaasanu godhanee, adaala biyya sanii keessaa isaan baasane.
ACT 13:51 Phawuloosii fi Baarnaabaas tana isaanitti mormiisaaf bukuu miila isaanii dhodhowatanee, gara qachaa Iqoniiyumii deemane.
ACT 13:52 Dhugeeffattooti qachaa Anxokiya'aa gammadaa fi Ayyaana Woyyichaan guutante.
ACT 14:1 Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Iqoniiyumii keessalle'etti gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenanee, akka maltetti waan barsiisaneef, Yihudootii fi Giriikooti hedduun dhugeeffatane.
ACT 14:2 Yihudooti hin dhugeeffatin ammoo, worra Yihudoota hin te'in kakkaasanee, dhugeeffattoota akka jibbanu godhane.
ACT 14:3 Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas, sodaa malee marroo Gootta'aa dubbataa yennaa hedduu achi turane; Goottaalle akka isaan baasaa fi bilbaasota godhanu hunna isaanii kennee, Jecha badhaadha ifii mirkaneesse.
ACT 14:4 Worri qachaa sanii ammoo, gargar qoqoodamee, gariin gara Yihudootaa, gariin gara ergantootaa gorane.
ACT 14:5 Worri Yihudoota hin te'inii fi Yihudooti, bulchitoota ifii woliin te'anee, Phawuloosii fi Baarnaabaas rakkisiisaa fi dhaka'aan tumiisaaf barbaadane.
ACT 14:6 Phawuloosii fi Baarnaabaas yennaa tana beekane, gara qachoota lafa Liqaa'oniya'aa ka Lisxira'aa fi Derbee jedhamanuutii fi biyya adaala sanii baqatane.
ACT 14:7 Isaan achitti Oduu Gammadaa lallabane.
ACT 14:8 Qachaa Lisxira'aa keessa namichi miilli isaa naafateeru tokko jiraayyu; inni guyyaa dhalateenuu jalqabee fafa waan te'eef, miila ifiitiin deemee hin beeku.
ACT 14:9 Namichi kun achi tee'ee waan Phawuloos jedhu dhage'aa ture. Phawuloos namicha hubatee ilaalee, dhugeeffannaa isa fayyittu akka inni qabu yennaa dhagge,
ACT 14:10 «Ka'ii qajeelii, miila keetiin dhaabadhu» jedhee qoonqoo guddo'oon dubbate. Namichille utaalee ka'ee, asii fi achi deemuu jalqabe.
ACT 14:11 Gumiin waan Phawuloos godhe yennaa dhaggite, qoonqoo guddo'oon, «Waaqoti namoota fakkaatanee gara keenna gad bu'aneeran» jedhanee afaan Liqaa'oniya'aatiin dubbatane.
ACT 14:12 Baarnaabaasii, «Ze'os» jedhanee maqaa mootii waaqota ifiitiin moggaasane; Phawuloos ammoo ka guddoo dubbate waan te'eef, akka ergamaa waaqota ifiititti, «Hermees» jedhanee moggaasane.
ACT 14:13 Hayyichi, galma Ze'osii ka qacha'aan ala jiru keessa tajaajilu, korommi'ii fi daraaraa gara karra qacha'aa fidee, kolbaa woliin Phawuloosii fi Baarnaabaasiif ciincaa dhikeessiisaaf barbaade.
ACT 14:14 Phawuloosii fi Baarnaabaas waan kana yennaa dhage'ane woyaa ifii tarsaasanee, gara odduu kolba'aa rukkisane; qoonqoo ifiille ol qabatanee,
ACT 14:15 «Jarana, isin maaf waan kana gootan? Nuutille namuma akka keessanii ti. Nuuti akka isin waan gatii hin qanne irraa fagaattanee, gara Waaqa jiraataa ol-gubbaa, lafa, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii dadee, akka deebitanu Oduu Gammadaa isiniif lallabaarra.
ACT 14:16 Bara dhaloota dabareetitti kolbaan duudiin karaa ifii akka deentu Waaqi isaan lakkiseera.
ACT 14:17 Te'uu malee bokkeya ol-gubbaa irraa isiniif kennaa, midhaan yennaa ifiititti akka midhaan buusuu godhaa, sagalee isiniif kennaa, gadhaa keessan gammadaan guutaa, waan dansaa godhiisaan Waaqummaa ifii mudhiseera» jedhane.
ACT 14:18 Ergantooti tana mara dubbatanulle, rakkinna jaba'aan ciincaa akka isaaniif hin dhikeessine jara dhooggane.
ACT 14:19 Yihudooti ammoo qachoota Anxokiya'aatii fi Iqoniiyumii dhufanee, akka kolbaan yaada isaanii fudhattee Phawuloos irratti kaatu godhanee, dhaka'aan isa tumane; du'eera seyaneelle qachaa keessaa harkisanee gad baasane.
ACT 14:20 Te'uu malee yennaa dhugeeffattooti dhufanee isatti naannowanee dhaabbatane, Phawuloos lafaa ka'ee gara qacha'aa ol deebi'e. Boruyyaa Baarnaabaas woliin gara qachaa Derbe'ee dhaqe.
ACT 14:21 Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Derbe'eetitti Oduu Gammadaa lallabanee, namoota hedduu dhugeeffattoota godhaneen duuba, gara qachoota Lisxira'aa, Iqoniiyumii fi Anxokiyaa biyya Phisiidiyaa keessatti dhaggantuu deebi'ane.
ACT 14:22 Isaan dhugeeffattoota jajjabeessaa, dhugeeffannaalle'een akka jabaatanu gorsaa, «Gara Mootummaa Waaqaa galiisaaf rakkoo hedduu keessa qaxxaamuruu qanna» jedhane.
ACT 14:23 Ergantooti wolde'a kiristaanaa tokko tokkottuu jaarsolee filanee, laamanee daadimataneen duuba, Goottaa itti addatanetti magannee isaan kennatane.
ACT 14:24 Phawuloosii fi Baarnaabaas biyya Phisiidiyaa keessa dabaranee gara biyya Phamfiliya'aa dhufane.
ACT 14:25 Phergeelle'etti Jecha Waaqaa lallabaneen duuba, gara qachaa Ataalii'aatti gad bu'ane.
ACT 14:26 Achille'ee gara addee hujii amma muummessane tanaaf, badhaadha Waaqaatiif itti kennamanee, hoboloo gudditti'iin Anxokiya'atti deebi'ane.
ACT 14:27 Isaan Anxokiyaa yennaa geyane, kolbaa wolde'a kiristaanaa wolitti qabanee, waan Waaqi karaa isaaniitiin godhe duudi'ii fi worra Yihudoota hin te'iniif karaa dhugeeffanna'aa attam akka bane himane.
ACT 14:28 Achille'etti dhugeeffattoota woliin yennaa hedduu turane.
ACT 15:1 Worri gariin biyya Yihuda'aa irraa gara Anxokiya'aa dhufee, «Akka Seerri Muuse'ee ajajutti haqanqabaa yoo qabatane malee, fayyuu hin dandeettanu» jedhaa dhugeeffattoota barsiisuu jalqabe.
ACT 15:2 Wonni kun akka Phawuloosii fi Baarnaabaas, namoota san woliin falmanuu fi moromanu goote. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota dhibii ka biyya Anxokiya'aa keessa jiranu garii woliin gara Yerusaalemii dhaqanee, waan kana ergantootaa fi jaarsolee wolde'a kiristaanaa woliin akka ilaalanu murteeffame.
ACT 15:3 Tanaaf isaan wolde'a kiristaanaatiin ergamanee deemane; isaan Finiiqe'ee fi Samaariyaa keessa taraa, worri Yihudoota hin te'in gara Waaqaa akka deebi'ee fi dhugeeffate himane. Oduun tunille dhugeeffattoota duudii guddoo gammachiitte.
ACT 15:4 Yennaa isaan Yerusaalem geyane, wolde'i kiristaanaa, ergantootaa fi jaarsoleen isaan fudhatane; worri ergamelle Waaqi isaan woliin jiraatee waan godhe mara itti himane.
ACT 15:5 Golii worra Fariisaayotaa keessaa dhugeeffattooti gariin ammoo ol ka'anee dhaabbatanee, «Worri Yihudoota hin te'in akka haqanqabaa qabatuu fi Seera Muuse'ee akka eegatu godhuun barbaachisa'a» jedhane.
ACT 15:6 Ergantootaa fi jaarsoleen dubbii tana ilaaliisaaf wolitti qabamane.
ACT 15:7 Moromaa heddu'uun duuba Pheexroos ol ka'ee, «Obboleeyyan tiyya, worri Yihudoota hin te'in karaa kiyyaan Oduu Gammadaa dhage'ee akka dhugeeffatuuf, tanaan dura Waaqi isin keessaa akka na file hin beettan.
ACT 15:8 Waaqi gadhaa namaa beeku, Ayyaana Woyyicha akkuma nu'uuf kenne, isaanille'eef kennee akka isaan fudhate dhugaa bayeef.
ACT 15:9 Inni gadhaa isaanii dhugeeffanna'aan waan qulqulleesseef, nu'uu fi isaan wodhakka'atti garaa garummaa hin goone.
ACT 15:10 Yoona ba'aa abbootii teennaalle te'e nuuti ba'atiisaaf hin dandeenne, qaacira dhugeeffattootaa irratti feetanee, maaf Waaqa haga ilaaltan?
ACT 15:11 Nuutille akkuma isaanii, badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin akka fayyine hin dhugeeffanna» jedhe.
ACT 15:12 Baarnaabaasii fi Phawuloos baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaaniitiin worra Yihudoota hin te'in oddu'utti huje yennaa dubbatanu, gumiin duudiin cadhi jettee dhageette.
ACT 15:13 Isaan dubbatanee fixataneen duuba Yaaqoob deebisee, «Obboleeyyan tiyya, na caqasa'a!
ACT 15:14 Waaqi dursee kolbaa maqaa isaatiin waammantu keessaa filatiisaaf, worra Yihudoota hin te'in attam akka ilaale, Simoon nutti himeera.
ACT 15:15 Dubbiin raagotaa yaada kana woliin guutumatti wolii galti; kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
ACT 15:16 «‹Kanaan duuba ani hin deebi'a; mana Daawitii ka jige hin ijaara; diigama isaalle deebisee ijaaree, adde'etti hin deebisa.
ACT 15:17 Worri hafe duudiille gara kiyya akka dhufu, worri Yihudoota hin te'in ka ani maqaa kiyyaan waame duudiin kiyya akka te'uuf, Goottaan tana godhu akkas jedha.
ACT 15:18 Kun duriin jalqabee ka beekkameeru› jedhu.
ACT 15:19 «Tanaaf akka yaada kiyyaatitti, worra Yihudoota hin te'in ka gara Waaqaa deebi'anu rakkisuu hin qannu.
ACT 15:20 Addee akkasii, sagalee waaqotaaf dhikaatiisaan battootte hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; foon horii hudhamee du'ee akka hin nyaanne, dhiigalle akka hin nyaanne jennee, isaaniif barreessuu qanna.
ACT 15:21 Duriin jalqabee Seerri Muuse'ee sanbata mara Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti dubbifameeraayyu; Jechi isaalle qachaa duudii keessatti lallabama» jedhe.
ACT 15:22 Achiin duuba ergantootaa fi jaarsoleen, wolde'a kiristaanaa duudii woliin kolbaa keessaa worra garii filanee, Phawuloosii fi Baarnaabaas woliin gara Anxokiya'aa ergiisaaf murteeffatane. Isaan namoota lama Yihudaa ka Baarnaabaas jedhamuu fi Siilaas, worra dhugeeffattootaan kabajamane filanee ergane.
ACT 15:23 Xalayaan barreeffamee isaanitti kenname ka asii gad jiru: «Nu ergantootaa fi jaarsoleen obboleeyyan teessan, isin obboleeyyan teenna dhugeeffattoota Yihudoota hin te'in ka qachaa Anxokiya'aa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiyaa keessa jirtanuuf nageya keenna dhikeessina.
ACT 15:24 Nu keessaa worri gariin adoo nuuti isaan hin ajajin, gara keessan dhufanee, dubbii isinitti himaneen akka isin rakkisanee fi yaada keessan raasane dhageenneerra.
ACT 15:25 Tanaaf wolitti qabanneen duuba, ifi keessaa namoota foonee, jaalota keenna Baarnaabaasii fi Phawuloos woliin gara keessan ergiisaaf wolii galleerra.
ACT 15:26 Baarnaabaasii fi Phawuloos worra jiruu ifii Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiif dabarsee kenneeru.
ACT 15:27 Woma nuuti barreessine, afaan isaaniitiin akka isinitti himanuuf, Yihudaa fi Siilaas isinii ergineerra.
ACT 15:28 Waan barbaachisaa te'e malee, ba'aa dhibii akka isinitti hin feene, Ayyaana Woyyichaa fi nu'utti dansaa teetee mudhatteerti. Kunille:
ACT 15:29 sagalee waaqotaaf dhikaatte hin nyaatina'a; foon horii hudhamee du'ee hin nyaatina'a; dhiiga isaalle hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; yoo waan kana duudii irraa ifi eegattane, waan dansaa gootan; nageyaan jiraadha'a.»
ACT 15:30 Worri ergame ka'anee gara Anxokiya'aa gad bu'ane; achitti wolde'a dhugeeffattootaa wolitti qabanee, xalayaa san itti kennane.
ACT 15:31 Dhugeeffattooti yennaa xalayaa dubbisane, ergaa jajjabeessitu saniin guddoo gammadane.
ACT 15:32 Yihuda'aa fi Siilaas raagota waan te'aneef, dubbii heddu'uun dhugeeffattoota gorsanee jajjabeessane.
ACT 15:33 Yihuda'aa fi Siilaas guyyoota diqqaa achi turaneen duuba, dhugeeffattootaan nageya wolitti dhaamanee, gara worra isaan ergee deebi'ane. [
ACT 15:34 Siilaas ammoo achitti hafiisaaf murteeffate.]
ACT 15:35 Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota hedduu woliin te'anee, Jecha Gootta'aa barsiisaa, lallabaalle Anxokiyaa keessa turane.
ACT 15:36 Guyyoota diqqa'aan duuba Phawuloos, Baarnaabaasiin, «Koottu deebinee, qachaa Jecha Waaqaa itti lallanne duudii dhandhee, akka dhugeeffattooti dhugeeffanna'aan jajjabaatanee jiranu ilaalla» jedhe.
ACT 15:37 Baarnaabaas ammoo, Yohaannisiin Maarqoos jedhamu isaan faana akka deemu barbaade.
ACT 15:38 Phawuloos ammoo, akka nami kun isaan woliin deemu hin eeyyanne; sababille inni Phamfiliya'atti hafee, gara huji'iille isaan woliin hin deenne.
ACT 15:39 Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas wodhakka'atti wol dhab guddaan ka'ee gargar bayane; Baarnaabaas, Maarqoos ifi faana fudhatee, hoboloo gudditti'iin gara Qophiroosii deeme.
ACT 15:40 Phawuloos ammoo, Siilaas filate; dhugeeffattootille badhaadha Gootta'aatitti Phawuloos magannee kennataneen duuba, inni isaan biraa deeme.
ACT 15:41 Phawuloos wolde'a kiristaanaa jabeessaa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa keessa dabare.
ACT 16:1 Phawuloos gara qachaa Derbe'ee dhaqee, qachaa Lisxira'aatitti dabare. Achi dhugeeffataan Ximootewoos jedhamu tokko jiraayyu. Haati isaa Yihudittii kiristaana teeteertu; abbaan isaa ammoo nama Giriiki'ii ti.
ACT 16:2 Ximootewoos dhugeeffattoota qachaa Lisxira'aatii fi Inqoniiyum keessa jiranu duudii biratti gurra dansaa qabaayyu.
ACT 16:3 Phawuloos akka Ximootewoos isa faana deemu waan barbaadeef, haqanqabaa isa qabe. Sababille Yihudooti achi jiranu duudiin abbaan Ximootewoosii Giriikii akka te'e waan beekaneef tana godhe.
ACT 16:4 Isaan qachoota keessa yennaa dabaranu, murtee ergantootaa fi jaarsoleen Yerusaalem keessatti muraneef dhugeeffattooti akka ajajamanu itti himane.
ACT 16:5 Maarre wolde'ooti Kiristaanaa dhugeeffanna'aan jajjabaatanee, guyyuma guyya'aan laakkossaan heddatane.
ACT 16:6 Phawuloosii fi Siilaas lafa Asiya'aatitti Jecha Waaqaa akka hin lallanne Ayyaanni Woyyichi waan dhooggeef lafa Firiigiya'aatii fi Galaatiya'aa keessa dabaranee deemane.
ACT 16:7 Yennaa fuullee lafa Misiyaasii geyane godina lafa Bitaaniya'aa, dhaqiisaaf wodhaanane. Ayyaanni Yesuusii ammoo isaaniif hin eeyyanne.
ACT 16:8 Maarre isaan lafa Misiyaasii keessa dabaranee, gara Xiiroosii gad bu'ane.
ACT 16:9 Halkan san namichi lafa Meqedooniya'aa tokko dhaabbatee, «Gara lafa Meqedooniya'aa koyiitii nu qarqaar» jedhuun Phawuloos yaadaan dhagge.
ACT 16:10 Phawuloos waan kana yaadaan dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya'aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf qophoonne.
ACT 16:11 Qachaa Xiiroosiitii hoboloo gudditti'iin kaanee, adoo asii achi hin gorin gara oddoola Samotiraaqe'ee dhandhee, boruyyaa gara qachaa Ne'apholiisitti dabarre.
ACT 16:12 Achille'ee qachaa Filiphisiiyuusii geenne; qachaan Filiphisiiyuusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma'aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle.
ACT 16:13 Guyyaa Sanbataa karra qacha'aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertu Jecha Waaqaa barsiinne.
ACT 16:14 Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira'aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo'oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi'ii bane.
ACT 16:15 Isi'ii fi worri mana isi'ii keessa jiru cuuphameen duuba, «Akka ani Gootta'atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te'e, mana kiyya kowa'aa tura'a» jettee jabeessitee kadhatte.
ACT 16:16 Gaafa tokko gara addee daadimanna'aa adoo deennuu, durrittii garbittii ayyaana hamaa waan gara duraa morsiisu qaddu takkaan woldeenne; isiin moriisaan goottota ifiitiif beesee hedduu galchaa turte.
ACT 16:17 Isiin, «Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-aana'aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban» jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte.
ACT 16:18 Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyaanni sun isii keessaa akka bawuuf, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja» jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye.
ACT 16:19 Goottoti isi'ii, addiin beesee isaan dhaggatanuu akka irraa hatte yennaa hubatane, Phawuloosii fi Siilaas qabanee harkisaa gara badhinna dikko'oo fidanee, worra baallii qabu dura dhikeessane.
ACT 16:20 Qondaaltota worra Rooma'aa duratti isaan fidanee, «Jarri tun Yihudoota; isaan qachaa keenna raasiisatti jiran.
ACT 16:21 Isaan aadaa nu worri Rooma'aa fudhatiisaaf yookiin hujiisaaf seeraan ala te'e nu barsiisan» jedhane.
ACT 16:22 Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate. Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule'een dikamanu ajajje.
ACT 16:23 Akka malee dikamaneen duuba gara mana hidha'aa galchisiisane; achitti jabeessee akka isaan eeguuf, eeddicha mana hidha'aa ajajane.
ACT 16:24 Eeddichi ajaja kana fudhateen duuba, kolloo mana hidha'aa ta keessaatitti isaan galchee, miila isaanii jirma ulfaataa lama wodhakka'atti jabeessee hidhe.
ACT 16:25 Gara halkan wodhakka'aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna'aa fi faaru'uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu.
ACT 16:26 Dedhuma haga hundeen mana hidha'aa raafantutti tacho'i lafaa guddaan te'e; balbalti duudiin takkumaan banante; wodaroon sibiilaa namoota hidhamane duudii irraa hiikante.
ACT 16:27 Namichi mana hidha'aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha'aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf shallaagaa buqqifate.
ACT 16:28 Phawuloos ammoo qoonqoo guddo'oon, «Nu martinuu waan as jirruuf, woy ifi hin godhin» jedhaa itti iyye.
ACT 16:29 Yennaa kana namichi mana hidha'aa eegu, ifa fichisiifatee gara mana hidha'aa ol seenee, rorommaa miila Phawuloosiitii fi Siilaasititti jige.
ACT 16:30 Achiin duuba inni isaan gad yaasee, «Goottota tiyya! Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?» jedhe.
ACT 16:31 Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane.
ACT 16:32 Achiin duuba Jecha Waaqaa isaa fi worra mana isaa keessa jiru duudi'iif himane.
ACT 16:33 Halkan saatuma sanitti, namichi mana hidha'aa eegu isaan fuudhee madaa isaanii dhiqe; yoma san innii fi worri mana isaa duudiille cuuphame.
ACT 16:34 Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane.
ACT 16:35 Boruyyaa ganama qondaaltoti worra Rooma'aa, «Jara san gad dhiisi!» jedhanee namicha mana hidha'aa eegutti akka himanuuf Poolisoota itti ergane.
ACT 16:36 Maarre namichi mana hidha'aa eegu, «Qondaaltoti worra Rooma'aa akka isin gad lakkifantanu nutti erganeeran; tanaaf gad baya'aatii nageyaan deema'a» jedhee Phawuloositti hime.
ACT 16:37 Phawuloos ammoo, «Jarri tun nuuti worra Rooma'aa teenee adoo jirruu, adoo yakkaan nu'utti hin muramin kolbaa duratti nu dhaananee, mana hidha'aatitti nu galchane; amma ammoo dhossa'aan gad nu baasanii? Tun hin teetu! Isaanuu dhufanee nu baasanuu ti» jedhe.
ACT 16:38 Poolisooti waan kana qondaaltota worra Rooma'aatitti himane; qondaaltoti worra Rooma'aalle Phawuloosii fi Siilaas worra Rooma'aa akka te'ane yennaa dhage'ane sodaatane.
ACT 16:39 Tanaaf dhufanee araara isaan gaafatanee, mana hidha'aa keessaa isaan baasane; qachaa keessalle'ee akka bayanuuf kadhatane.
ACT 16:40 Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha'aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya'aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka'anee deemane.
ACT 17:1 Phawuloosii fi siilaas qachoota Amfiipholiisiitii fi Apholoniya'aa keessa dabaranee, gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqane; achi manni waaqonfannaa Yihudootaa jiraayyu.
ACT 17:2 Phawuloos akkuma yennaa mara godhu mana waaqonfannaa Yihudootaa seenee, Sanbata sad marroo Barreeffama Woyyichaa isaan woliin dubbate;
ACT 17:3 inni dubbii isaaniif issee himaa Masiihiin rakkatiisaa fi du'aa ka'uu akka qabu mirkaneessee, «Yesuusiin ani isinitti lassu kun Masiihii» jedhe.
ACT 17:4 Isaan keessaa gariin, Giriikoota Waaqa waaqonfatanu heddu'uu fi dubartooti beekkamane hedduun dubbii isaa fudhatanee, Phawuloosii fi Siilaas woliin wol qabatane.
ACT 17:5 Yihudooti ammoo isa hinaafanee, namoota hujii malee karaa irra yaa'anu wolitti qabanee, hammeessanee, nageya booressane; isaan qachaa san duudii raasanee, Phawuloosii fi Siilaas kolbaa duratti gad baasiisaaf mana namicha Yaason jedhamuu cassane.
ACT 17:6 Yennaa Phawuloosii fi Siilaas dhabane ammoo, Yaasonii fi dhugeeffattoota garii harkisanee, bulchitoota qacha'aa duratti geessanee, «Worri biyya lafaa duudii rakkise kun, amma gara qachaa keennaalle dhufeera.
ACT 17:7 Yaasonille mana ifiititti isaan fudhateera; isaan duudiin, ‹Mootiin dhibiin ka Yesuus jedhamu jira› jedhaa, seera mooticha mootota worra Rooma'aa morman» jedhaa iyyane.
ACT 17:8 Gumi'ii fi bulchitooti qachaa sanii waan kana yennaa dhage'ane raafamane.
ACT 17:9 Worri bulchitootaa Yaasonii fi worra isa woliin jiranu wobii waansisanee gad lakkisane.
ACT 17:10 Halkanuma san dhugeeffattooti, Phawuloosii fi Siilaas gara qachaa Beeriya'aa ergane. Isaan yennaa achi geyane mana waaqonfannaa Yihudootaa dhaqane.
ACT 17:11 Yihudooti Berii'a jiranu worra Tasalonqe'ee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya'aan fedhii guddo'oon Barreeffama Woyyicha qorqorane.
ACT 17:12 Isaan keessaa worri hedduun, Giriikoota keessalle'ee dubartooti beekkamanee fi dhiirti hedduun dhugeeffatane.
ACT 17:13 Yihudooti Tasalonqee keessa jiranu ammoo, Phawuloos Jecha Waaqaa qachaa Beriya'aalle'etti akka lallabe yennaa dhage'ane, achille dhaqanee kolbaa hammeessanee nageya booressane.
ACT 17:14 Yoosuma dhugeeffattooti Phawuloos gara irga abbaaya'aa ergane; Siilaasii fi Ximootewoos ammoo qachuma Beriya'aatitti hafane.
ACT 17:15 Namooti Phawuloos geegessane qachaa Ateena'aatiin isa geyanee, dhaansa Phawuloos, «Siilaasii fi Ximootewoos ariiti'iin gara kiyya dhufanuu ti» jedhe fuudhanee gara qachaa Beeriya'aa deebi'ane.
ACT 17:16 Phawuloos qachaa Ateena'aa keessatti Siilaasii fi Ximootewoos adoo eeguu waaqoti qachaa san attam akka guutane yennaa dhagge, gadhaan isaa gubate.
ACT 17:17 Maarre inni Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti Yihudootaa fi Giriikoota Waaqa waaqonfatanu, worra addee dikko'ootitti dhaggu wolille'een dudubbate.
ACT 17:18 Worra Ephequriyoosii fi Istoyikos jedhamanu keessaa ka waan biyya lafaa qorqoranu isatti falmane; gariin, «Funaantichi kun maan jedhuu barbaada?» jennaan, Worri dhibiille waan Phawuloos marroo Yesuusiitii fi du'aa ka'a isaa lallabeef, «Inni marroo waaqota ormaa dubbataara fakkaata» jedhane.
ACT 17:19 Maarre isaan Phawuloos qabanee kora gaara Aariyophaagos jedhamuu irratti wolitti qabamu dura geessanee, «Barsiisa haareya ati barsiittu kana maan akka te'e beekuu dandeennaa?
ACT 17:20 Wonni ati jettuun dhageenne gariin haareya nutti teeteerti. Tanaaf wonni kun maan akka teete beekuu barbaanna» jedhaneen.
ACT 17:21 Worri Ateena'aa duudi'ii fi ormi achi le'u duudiin waan haareya odeessu'uu fi dhage'uu malee, yennaa ifii waan dhibii irratti hin dabarsanu.
ACT 17:22 Phawuloos kora mura'aa ka gaara Aariyophaagosii dura dhaabbatee, «Worra Ateena'aa, isin karaa maraanuu namoota dhugeeffanna'aa akka teetane dhaggeera.
ACT 17:23 Ani qachaa keessan keessa dabaruun, addee isin Waaqa waaqonfattanu yennaa ilaale, addee ciinca'aa ‹Waaqa hin beekkanneef› jedhamee irratti barreeffame tokko dhaggeera. Yoona ani Waaqa isin adoo hin beekin waaqonfattanu kana, isinitti lallaba.
ACT 17:24 Waaqi biyya lafaatii fi waan isii keessa jiru mara dade, Goottaan ol-gubba'aatii fi lafaa, galma harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u.
ACT 17:25 Inni nama duudi'iif jiru'uu fi hafuura, waan dhibii maralle ka kennu waan te'eef, wonni isa irraa dhidhatu hin jiru; qarqaarsi namaalle isaaf hin barbaachisu.
ACT 17:26 Inni sanyii namaa duudii nama tokko irraa dadee, lafa mara irra akka le'anu godhe; inni bara leetoo isaaniitii fi addee leetoo isaaniille meessaa itti godhe.
ACT 17:27 Waaqi akka namooti isa barbaadanee qorqoranee, akka dhagganuuf tana godhe. Te'uu malee Waaqi tokko tokkoo keenna irraa fagoo hin jiru.
ACT 17:28 Nuuti isaan jiruu dhagganna; isaan tachoona; isaan leena. Isin keessaa worri weeddisu akkuma jedhu, ‹Nuutille ijoollee isaa ti›.
ACT 17:29 «Nuuti eega ijoollee Waaqaa teene ‹Waaqi fakkii worqii irraa yookiin meetii irraa yookiin dhakaa irraa hojjatame fakkaata› jennee yaaduu hin qannu.
ACT 17:30 Bara durii waan kolbaan wollaalchaan goote, Waaqi itti hin laakkonne; amma ammoo kolbaan addee mara jirtu duudiin, akka cubbuu irraa deebitu ajaja.
ACT 17:31 Inni karaa nama filateetiin, biyya lafaa maratti guyyaa itti muru murteesseera; nama filate san du'aa kaasiisaan, waan kana nama maraaf mirkaneesseera» jedhe.
ACT 17:32 Phawuloos marroo du'aa ka'iisaa dubbatuun yennaa dhage'ane, worri gariin itti murge; worri dhibiin ammoo, «Nuuti marroo waan kanaa ammalle si irraa hin dhageenna» jedhane.
ACT 17:33 Yennaa san Phawuloos kora mura'aa lakkisee deeme.
ACT 17:34 Worri gariin ammoo waan inni jedhe gula goree dhugeeffate. Worra dhugeeffate keessaa Diiyoniisiyos ka jedhamu miseensa kora mura'aa Aariyophaagosii ka te'e, akkasuma dubartii Damaariis jedhantu takkaa fi worri dhibiille jiran.
ACT 18:1 Kanaan duuba Phawuloos qachaa Ateena'aa lakkisee, gara qachaa Qorontoosii dhaqe.
ACT 18:2 Achitti Yihudicha biyya Phonxoosiititti dhalate, ka maqaan isaa Aqiilaa jedhamu tokkoon wol dhagge. Kilaawudiiyosiin mootichi worra Rooma'aa, Yihudooti duudiin biyya Rooma'aa keessaa akka bayanu waan ajajeef, Aqiilaan haadha manaa ifii Pharisiqiilaa woliin dhiko'otti biyya Ixaaliya'aatii dhufeeraayyu. Phawuloos isaan dhaggiisaaf dhaqee,
ACT 18:3 hujiin isaalle akkuma isaanii dunkaanii hodhuu waan teeteef, isaan bira tee'ee hojjate.
ACT 18:4 Sanbata Sanbata Phawuloos Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee, Yihudootaa fi Giriikoota dhugeeffachiisu'uuf wodhaane.
ACT 18:5 Siilaasii fi Ximootewoos biyya Maqedooniya'aatii yennaa deebi'ane, Phawuloos yennaa ifii mara jecha Waaqaa lallabaa, Yesuus Masiihii akka te'e Yihudootaaf dhugaa baye.
ACT 18:6 Yihudooti isa mormanee arrassiinaan, inni bukuu woyaa ifii irraa dhodhowatee, «Dhiigi keessan isinittuu deebi'a; ani itti hin gaafatamu. Ammaa jalqabee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqa» isaaniin jedhe.
ACT 18:7 Achiin duuba Phawuloos Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii ka'ee, gara mana namicha Tiitoosii Yusxos jedhamu, ka Waaqa waaqonfatuu dhaqe; manni namicha sanii mana Waaqonfannaa Yihudootaa bira jiraayyu.
ACT 18:8 Kiriisphos ka jedhamu bulchaan mana waaqonfannaa Yihudootaa, nama ifii duudii woliin Gootta'atti dhugeeffate; Qorontoos keessalle'ee kolbaan dhibiin hedduun, waan Phawuloos dubbate dhageettee dhugeeffattee, cuuphante.
ACT 18:9 Goottaan gaafa tokko oojju'uun Phawuloositti dubbatee, «Hin sodaatin; lallabuma lallabi malee, hin cadhisin.
ACT 18:10 Ani si woliin jira; ani qachaa kana keessaa kolbaa hedduu waan qabuuf, eennulle si hubiisaaf hin dande'u» jedhe.
ACT 18:11 Maarre Phawuloos woggaa tokkoo fi ji'a jaa, Jecha Waaqaa kolbaa barsiisaa ture.
ACT 18:12 Bara Gaalii'oon bulcha biyya Akaayya'aa te'etti Yihudooti wolii galanee, Phawuloos qabane; isaan gara mana mura'aa isa geessanee,
ACT 18:13 «Nami kun karaa seera keenna mormuun, kolbaa sossobaa akka Waaqa Waaqonfattu godha» jedhane.
ACT 18:14 Phawuloos adoo dubbatiisaaf jedhuu, bulchaan Gaalii'oon Yihudootaan, «Wonni kun yakkaa hantuu yookiin dokonkora hojjatame adoo teete, himata keessan silaa hin dhage'aayyu.
ACT 18:15 Ammoo wonni kun marroo moromaa jechootaa, marroo moromaa maqa'aatii fi seera keessanii eega teete, isinuu fixadha'a. Ani waan kana irratti hin muru» jedhee,
ACT 18:16 mana mura'aa keessaa isaan ari'e.
ACT 18:17 Yennaa kana isaan martinuu, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa Sostenees qabanee, mana mura'aa duratti tumane. Gaalii'oon ammoo waan kana woyittuu hin laakkonne.
ACT 18:18 Phawuloos guyyaa hedduu dhugeeffattoota woliin Qorontoos keessa ture; achiin duuba nageya isaanitti dhaamee, hobolo'oon Phirisqiila'aa fi Aqiilaa woliin gara Sooriya'aa dhaqe; Phawuloos waadaa Waaqaaf gale waan qabuuf, lafa Kanchire'aa jedhantutti mataa ifii haadate.
ACT 18:19 Qachaa Efesoonii yennaa geyane, Pharisiqiila'aa fi Aqiilaa achumatti lakkisee, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee Yihudoota woliin dubbate.
ACT 18:20 Isaan akka Phawuloos yennaa dheertuu isaan woliin turuuf gaafannaan, inni ammoo hin eeyyanne.
ACT 18:21 Ammoo «Yoo fedha Waaqaa teete deebi'ee hin dhufa» jedhee, nageya isaanitti dhaamee hobolo'oon Efesoonii ka'ee deeme.
ACT 18:22 Inni qachaa Qiisaariya'aa yennaa geye, gara Yerusaalemii dhaqee wolde'a kiristaanaatiif nageya dhikeessee, achiin duuba gara Anxokiya'aa gad bu'e.
ACT 18:23 Yennaa diqqoo Anxokiyaa tureen duuba ka'ee, biyya Galaatiya'aatii fi Firiigiya'aa keessa dabaree, deddeemee dhugeeffattoota duudii jajjabeesse.
ACT 18:24 Yennaa san Yihudichi Apholoos jedhamu tokko, ka qachaa Iskindriya'atti dhalate gara qachaa Efesoonii dhufe. Inni nama Barreeffama Woyyicha miidhassee beekuu fi nama dandeettii dubbi'ii qabu.
ACT 18:25 Inni nama karaa Gootta'aa baratee fi gammada gudda'aan marroo Yesuusii sirri'itti lallabee barsiise. Te'uu malee inni cuuphaa Yohaannisii callaa beeka.
ACT 18:26 Inni sodaa malee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti dubbatiisa jalqabe. Pharisiqiila'aa fi Aqiilaan dubbii isaa yennaa dhage'ane, gara mana ifii isa fudhatanee marroo karaa Gootta'aa caalchisane sirri'itti itti himane.
ACT 18:27 Apholoos gara Akaayya'aa deemiisaaf yennaa barbaade, dhugeeffattooti Efesoon keessaa isa jajjabeessanee, dhugeeffattooti Akaayyaa keessaa akka isa fudhatanuuf xalayaa barreessaneef. Inni yennaa achi geye, worra badhaadha Waaqaatiin dhugeeffattoota te'aneef qarqaarsa te'e.
ACT 18:28 Inni Yesuus Masiihii akka te'e Barreeffama Woyyicha keessaa isaaniif mirkaneessaa, kolbaa duratti Yihudoota mormi'iin injifate.
ACT 19:1 Apholoos Qorontoos keessa adoo jiruu, Phawuloos biyya koobittii olii keessa dabaree, gara Efesoonii dhufe; achitti dhugeeffattoota garii dhaggee,
ACT 19:2 «Isin yennaa dhugeeffattane Ayyaana Woyyicha fudhattaneertanii?» jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanee «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyichi jiruuyyu nuuti hin dhageenne» jedhane.
ACT 19:3 Phawuloos, «Maarre cuuphaa attamii fudhattane ree?» jedhe. Isaan deebisanee, «Cuuphaa Yohaannisii ti» jedhane.
ACT 19:4 Phawuloos, «Cuuphaan Yohaannisii ka cubbuu irraa deebi'iisaa ti; Yohaannisinuu ka isaan duuba dhufu, Yesuusitti akka dhugeeffatanu kolbaa Israa'eliititti himeera» jedhe.
ACT 19:5 Isaan yennaa tana dhage'ane, maqaa Goottaa Yesuusiitiin cuuphamane.
ACT 19:6 Yennaa Phawuloos harka ifii isaan irra keye, Ayyaanni Woyyichi isaan irra bu'e; isaan afaan haareya hin beekkanneen dubbatanee, raagalle raagane.
ACT 19:7 Isaan wolumatti gara nama kudhanii lamaa ti.
ACT 19:8 Phawuloos gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee, sodaa malee haga ji'a sadii kolbaa woliin dubbatee, marroo mootummaa Waaqaa isaan hubachiisaa ture.
ACT 19:9 Isaan keessaa gariin ammoo mataa jabaatanee, marroo karaa Gootta'aa nama duratti waan hantuu jedhaa, dhugeeffatiisa didane. Maarre Phawuloos isaan lakkisee, dhugeeffattoota qofitti fuudhee, guyyuma guyya'aan mana barumsa Xiraanosii keessatti woliin dudubbataa ture.
ACT 19:10 Tun haga woggaa lamaa waan teeteef, kolbaan biyya Asiya'aa keessa jirtu duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in Jecha Gootta'aa dhage'ane.
ACT 19:11 Waaqi bilbaasa te'ee hin beenne karaa Phawuloosiitiin hujiisatti jiraayyu.
ACT 19:12 Kanaaf woyaa nafa Phawuloosii tuxxee fi hoccuu inni danfaan haxowatu fuudhanee, worra dhibame yennaa tuqisiisane, worri dhibame fayye; ayyaanni hamaalle keessaa baye.
ACT 19:13 Yihudooti asii fi achi deddeemaa ayyaanota hamaa namoota keessaa baasanu, «Maqaa Yesuusii Phawuloos lallabuutiin akka baatanu isin ajanya» jedhaa, ayyaanota san baasiisaaf wodhaanane.
ACT 19:14 Ilmaan Iskoyaasii hayyicha Guddaa Yihudootaa torba tana godhaa turte.
ACT 19:15 Ayyaanni hamaan ammoo, «Ani Yesuus hin beeka; Phawuloosille hin beeka; isin ammoo eennu?» isaaniin jedhe.
ACT 19:16 Namichi ayyaanni hamaan qabeeru isaanitti utaalee, isaan duudii injifate; isaanille mammadowanee woyaan irraa tarsaateertuun mana sanii baqatane.
ACT 19:17 Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in ka Efesoon keessa jiranu duudiin, waan kana dhage'anee sodaatane; maqaan Goottaa Yesuusiille ulfinna guddaa dhaggate.
ACT 19:18 Dhugeeffattoota keessaa worri hedduun dhufanee, cubbuu ifii mudhi'itti himatane.
ACT 19:19 Worri Xanoo huju hedduun kitaabota ifii wolitti qabanee, kolbaa duratti gubane. Gatiin kitaabota sanii hedaan gara meetii kuma shantamaa hin geya.
ACT 19:20 Karaa hunnaamessa kanaan dubbiin Gootta'aa badhataa, guddataa deente.
ACT 19:21 Wonni kun marti teeteen duuba, Phawuloos biyya Maqedooniya'aatii fi Akaaya'aa keessa dabaree, gara Yerusaalemii dhaqiisaaf murteeffate; inni, «Ani achi dhaqeen duuba, biyya Rooma'aalle ilaaluu qaba» jedhe.
ACT 19:22 Maarre inni qarqaartota ifii keessaa lamaan Ximootewoosii fi Eraasxoos gara Maqedooniya'aa ergee, inni haga diqqaa lafa Asiya'aa keessa ture.
ACT 19:23 Yennaa san qachaa Efesoonii keessatti sababa karaa Gootta'aatiif hogaan guddaan ka'e.
ACT 19:24 Namichi meetii baqisiisuu ka maqaan isaa Demeexroos jedhamu tokko, fakkii waaqota galma Arxemiisii hujee, worra meetii baqisiisuuf bu'aa guddaa galchaa ture.
ACT 19:25 Maarre inni worra meetii baqisiisuu fi worra akkuma isaanii hujulle wolitti qabee, «Jarana, nuuti karra ka dhaggannu hujii tanaan akka teete hin beettan.
ACT 19:26 Namichi Phawuloos jedhamu kun Efesoon keessa calla'atti adoo hin te'in, lafa Asiya'aa duudii keessatti, waaqi harkaan hujamu ijjumaa waaqaa moti jedhaa, kolbaa hedduu sossobee akka dhugeeffachiise, isinuu dhaggitanee dhageettaneertan.
ACT 19:27 Akka kanaan hujiin teenna hin tuffatanti; tana qofa adoo hin te'in galmi Arxemiisii waaqittii gudditti'ii ka Asiya'aa fi biyyi lafaa duudiin waaqonfattu gatii dhabee hafaara; guddinni isi'iille badaara» isaaniin jedhe.
ACT 19:28 Isaan yennaa tana dhage'ane guddoo aaranee, «Arxemiisiin worra Efesoonii gudditti'i!» jedhaa iyyane.
ACT 19:29 Yoosuma hogaan qachaa duudii keessatti ka'e. Worri hogisu jara lamaan Maqedooniya'aa worra Phawuloos woliin deemaa ture Gaayosii fi Arisxaarkos qabanee harkisanee, gara addee tapha itti mudhisanu rukkisane.
ACT 19:30 Phawuloos gumii dura bayee dhaabbatiisaaf barbaadee, dhugeeffattooti ammoo isa dhooggite.
ACT 19:31 Bulchitooti lafa Asiya'aa gariin ka lansa Phawuloosii te'ane, akka inni addee tapha itti mudhisanuu hin dhandhe, itti erganee kadhatane.
ACT 19:32 Gumii wodhakka'atti hogaan guddaan waan jiruuf, tokko waan tokko jedhaa yoo hogisu, kuun waan dhibii jedhaa hogisaaraayyu; hedduun isaaniille maaf akka wolitti qabamane hin beekanuuyyu.
ACT 19:33 Yihudooti gariin namicha Iskindir jedhamu kolbaa duratti darbanee baasane; kolbaa keessaa gariin akka inni isaaniif falmatu itti himane. Iskindirille akka kolbaan cadhittu harka ifiitiin beessisee, dubbii falmataa dubbatiisaaf qophowe.
ACT 19:34 Isaan ammoo akka inni Yihudii te'e yennaa beekane, «Arxemiisiin Efesoonii gudditti'ii» jedhaa isaan martinuu haga saatii lama iyyane.
ACT 19:35 Barreessaan qachaa sanii gumii cadhisiisee, «Worra Efesoonii! Worri qachaa Efesoonii galma Arxemiisii gudditti'iitii fi fakkii dhakaa isi'ii ka ol-gubba'aa bu'e akka eeganu, nami hin beenne jiraa?
ACT 19:36 Waan kana nami mormu tokkolle waan hin jirreef, cadhisa'a malee waan tokkolle godhiisaaf hin jajjarina'a.
ACT 19:37 Isin adoo jarri tun meya galmaa hin saamin yookiin waaqota keennalle adoo hin faanshessin as fiddaneertan.
ACT 19:38 Demeexroosii fi worri meetii baqisiisu ka isa woliin jiru, waan ittiin nama himatanu yoo qabaatane, guyyaan mura'aa jira; worri muraa kennulle jira; achitti wol falmanuu ti.
ACT 19:39 Tana malee, wonni isin barbaaddanu yoo jiraatte ammoo, kora mura'aa ka qacha'aatiin ilaallama.
ACT 19:40 Waan adha te'e kanaaf, hogaa kaattaneertan jedhannee himatamuu hin dhannu; hogaan kun sababa maaniitiin ka'e jedhane yoo nu gaafatane, waan deebinnu hin qannu» jedhe.
ACT 19:41 Tana dubbateen duuba, wol geyin akka deentu godhe.
ACT 20:1 Hogaan qabbanoween duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeessee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf ka'e.
ACT 20:2 Inni lafa keessa dabaretti dhugeeffattoota gorsa heddu'uun jajjabeessaa, gara biyya Giriikii deemee,
ACT 20:3 ji'a sad achi ture. Inni hobolo'oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophowuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya'aatiin deebi'iisaaf murteeffate.
ACT 20:4 Sophaaxros ilmi Phiirosii nami biyya Beeriya'aa, Arisxaarkosii fi Sekundos nami biyya Tasalonqe'ee, Gaayos nami biyya Derbe'ee, Ximootewoos, Xikiqoosii fi Xirofimoos nami biyya Asiya'aa, Phawuloos woliin deemane.
ACT 20:5 Jarri tun nuun dura dhaxxee Xiro'aasitti nu eedde.
ACT 20:6 Nuuti ammoo guyyaan Jila Daabboo Uukoo hin qanne dabareen duuba, Filiphisiiyuusii irraa hobolo'oon kaanee, guyyaa shaniin duuba isaaniin wol dhagginee, torbaan tokko achi turre.
ACT 20:7 Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka'aa kolba'atti dubbate.
ACT 20:8 Addee nuuti wolitti qabanne kolloo mana mana gubba'aa keessa ifi hedduun jiraayyu.
ACT 20:9 Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaa irra tee'eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba'aatiin gubba'aa irraa bu'e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du'eera.
ACT 20:10 Phawuloos ammoo gad bu'ee, gad itti jedhee hanqafatee, «Hin rifatina'a! Lubbuun isaa keessaa jirti» jedhe.
ACT 20:11 Achiin duuba inni gara mana mana gubba'aatitti ol deebi'ee, daabboo cassee nyaate; haga latti bariitu isaan woliin dubbateen duuba deeme.
ACT 20:12 Isaan Dargaggeessa jiraataa te'e san gara manaa geessanee, guddoo jajjabaatane.
ACT 20:13 Phawuloos karaa lafa irraa qachaa Asosii dhaqiisaaf waan yaadateef, nuuti isaan dura qachaa Asosii dhandhee, hoboloo akka isa yaabbachiinnu waan nu ajajeef, tana goone.
ACT 20:14 Asositti wol dhagginee, isa fudhannee hobolo'oon qachaa Mixileene'eetitti dabarre.
ACT 20:15 Boruyyaa hobolo'oon achii kaanee, oddoola Kiiyosii bira geenne. Guyyaa itti aanulle oddoola Saamosii dhandhee, boruyyaa qachaa Miilexoosii geenne.
ACT 20:16 Phawuloos kutaa biyya Asiya'aa keessatti turuu waan hin barbaadiniif, gara Efesoonii goruu lakkisee, hobolo'oon dabaru'uuf murteeffate. Yoo dande'ante guyyaa jila shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu Yerusaalem geyiisaaf ariifateeraayyu.
ACT 20:17 Phawuloos qachaa Miilexoosii irraa gara Efesoonii nama ergee, Jaarsolee wolde'a Efesoonii gara ifii waansise.
ACT 20:18 Isaan gara isaa yennaa dhufane, inni isaaniin, «Ani guyyaa qara lafa Asiya'aa dhufeen jalqabee, yennaa duudii attam akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan.
ACT 20:19 Yihudooti mala natti dhowanee rakkadhulle, ani waan duudi'iin ifi gad qabee, imimmaaniin Goottaa tajaajile.
ACT 20:20 Waan isiniif te'u mara adoo hin hamburin, wolde'aa fi mana keessan irra deemaa, lallabee akka barsiise isin hin beettan.
ACT 20:21 Cubbuu irraa gara Waaqaatitti deebi'anee, Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffatanu, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'iniif ani dhugaa bayeera.
ACT 20:22 Amma kunoo achitti waan natti dhufu adoo hin beekin, akeettii Ayyaana Woyyichaatiin Yerusaalem dhaqaara.
ACT 20:23 Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha'aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi natti himeera.
ACT 20:24 Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.
ACT 20:25 «Ani odduu teessan deddeebi'ee, marroo mootummaa Waaqaa lallabeera; amma ammoo, nami tokkolle deebi'ee akka na hin dhaggine hin beeka.
ACT 20:26 Tanaaf isin keessaa nami tokko yoo bade, akka ani itti hin gaafatanne adha isinitti hima.
ACT 20:27 Sababille ani fedhii Waaqaa duudii isinitti himeera malee, waan isin irraa hambure hin qabu.
ACT 20:28 Maarre ifii fi hoolee Waaqaa akka isin eeddanuuf isinitti kennantelle'eef ifi eegadha'a; wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka inni dhiiga ilma ifiitiin ka ifii godhate tissa'a.
ACT 20:29 Ani deemeen duuba, worri akka yayyi'ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka.
ACT 20:30 Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordofachiisanu hin dhutti.
ACT 20:31 Tanaaf dammaqa'a! Ani woggaa sad halkanii fi guyyaa adoo gargar hin kutin imimmaaniin, tokko tokkoo keessan akka gorse qaabadha'a.
ACT 20:32 «Amma ani eeddoo Waaqaatitti, badhaadha ergaa isaa ka isin ijaariisa dande'uu fi eebba Waaqi kolbaa ifii duudi'iif kennutti, isin kenneera.
ACT 20:33 Ani meetii, worqii yookiin uffana eennulle hin kajeelle.
ACT 20:34 Anaa fi worra na woliin jiruuf waan barbaachisu maraa dhaggatiisaaf harka kiyyaan akka huje isinuu hin beettan.
ACT 20:35 Jecha Goottaa Yesuusii, ‹Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame› jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera» jedhe.
ACT 20:36 Phawuloos tana dubbatee fixeen duuba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate.
ACT 20:37 Isaan duudiin bowaa morma isaatitti maratanee sunqatane.
ACT 20:38 Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee na hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo'oo isa woliin deemane.
ACT 21:1 Nuuti nageya isaanitti dhaannee karaa irraa adoo hin gorin hobolo'oon, gara oddoola Qosii deenne; boruyyaa oddoola Roodoosii geenne; achiin duuba gara qachaa phaaxara'aa dhandhe.
ACT 21:2 Achitti hoboloo gara Finiiqe'ee deentu dhagginee, yaabbannee ittiin deenne.
ACT 21:3 Nuuti Qophiroos ifiin duratti dhagginee, bitaa keennatti lakkinnee Sooriya'atti dabarree, gara Xiiroosii addee hoboloon guddittiin ba'aa itti buufattu dhandhe.
ACT 21:4 Dhugeeffattoota achi jiranu barbaannee dhagginee, torbaan tokko isaan woliin turre. Isaan Ayyaana Woyyichaan sooreffamanee, akka Phawuloos gara Yerusaalemii hin dhandhe itti himane.
ACT 21:5 Yennaan nuuti isaan biraa deennu geennaan, isaan biraa kaanee deenne. Isaan duudiin haadha manaatii fi ijoollee ifii woliin haga qachaa keessaa baanutti nu geegessane. Nuuti duudiille irga abbaaya'aa jilbiiffannee daadimanne.
ACT 21:6 Achiin duuba nageya wolitti dhaannee, hoboloo guddittii yaabbannee, isaan gara mana ifii deebi'ane.
ACT 21:7 Xiiroosii kaanee, qachaa Phitolemeesii geennee, dhugeeffattoota nageya fuunee, guyyaa tokko isaan woliin oolle.
ACT 21:8 Boruyyaa achii kaanee qachaa Qiisaariya'aa geennee, namoota torba ka ergantoota qarqaariisaaf filamane keessaa tokko ka te'e, gara mana Filiphoosii lallabaa Wongeelaa dhandhee, isa bira bubbulle.
ACT 21:9 Inni durra afur ta kennaa raaga dubbatiisaa qaddu qabaayyu.
ACT 21:10 Nuuti guyyaa hedduu Qiisaariyaa bubbulleen duuba, raagichi Agaabos jedhamu tokko biyya Yihuda'aatii dhufe.
ACT 21:11 Inni gara keenna dhikaatee, hiituu Phawuloos ittiin hidhatu fuudhee, miilaa fi harka ifii hidhee, «Yihudooti Yerusaalem keessa jiranu, abbaa hiituu tanaa, akkana hidhanee worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee akka kennanu, Ayyaanni Woyyichi dubbata» jedhe.
ACT 21:12 Tana yennaa dhageenne, nuutii fi kolbaan achi jirtu, akka Phawuloos gara Yerusaalemii hin dhandhe kadhanne.
ACT 21:13 Inni ammoo deebisee, «Maaf boottanee, guddoo na gaddisiittan? Ani hidhamuu qofa adoo hin ite'in, marroo maqaa Goottaa Yesuusiitiif Yerusaalem keessatti du'iisaafille qophoweera» jedhe.
ACT 21:14 Inni gorsa keenna dhage'uu dhannaan, «Fedha Gootta'aa te'uu ti» jennee lakkinne.
ACT 21:15 Guyyoota diqqaa achi tureen duuba, qophoonnee gara Yerusaalemii ol baane.
ACT 21:16 Dhugeeffattooti Qiisaariyaa keessa jiranu gariin, nu woliin dhufanee, dhugeeffattoota qaraa keessaa tokko ka te'e, gara mana Minaasonii nama Qophiroosii akka turru nu geessane.
ACT 21:17 Nuuti Yerusaalem yennaa geenne, dhugeeffattooti gammadaan nu fudhatte.
ACT 21:18 Boruyyaa Phawuloos nu woliin gara Yaaqoobii ilaaliisaaf dhaqe; jaarsoleen wolde'a kiristaanaa duudiille achi jirtiiyyu.
ACT 21:19 Phawuloos nageya isaan fuudheen duuba, waan Waaqi worra Yihudoota hin te'in oddu'utti karaa isaatiin godhe duudii, tokko tokkoon tarre'etti galchee itti hime.
ACT 21:20 Yennaa waan kana dhage'ane, isaan martinuu Waaqa leellifatane. Achiin duuba Phawuloosiin, «Ilaa obboleessa! Yihudooti kuma heddu'utti laakkowamanu akka dhugeeffatanee fi isaan duudiin seera Waaqaatiif hinaattolee akka te'ane hin dhaggita.
ACT 21:21 Yihudooti biyya worra Yihudootaa hin te'in keessa le'anu duudiin, ijoollee ifii haqanqabaa akka hin qanne yookiin aadaa akka hin muummessine barsiisiisaan Seera Muuse'ee akka diiganu godhuun keeti isaanitti himameera.
ACT 21:22 Isaan akka ati dhutte hin dhage'an; yoona maan godhuu woyya ree?
ACT 21:23 Amma waan nuuti sitti hinnu godhi! Nu keessa namooti afur ka woreega qabanu jiran.
ACT 21:24 Isaan fuudhii dhaqiitii, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulleessi; mataa ifiille akka haadatanu, gatii isaan ittiin ifi qulleessanu kaffaliif. Akka kanaan wonni si irratti odeeffame duudiin dhara akka teetee fi atille nama Seera Muuse'eetiif ajajamu akka teete hin beekan.
ACT 21:25 Worra Yihudoota hin te'in keessaa worri dhugeeffate ammoo, sagalee waaqota dharaatiif dhikaatiisaan battootte, dhiigaa fi horii hudhamee du'e akka hin nyaanne, gaarayyeeffatiisa irralle'ee akka ifi eegattanu, ka jedhu xalayaa murtee teennaa barreessinee isaaniif ergineerra» jedhane.
ACT 21:26 Maarre Phawuloos boruyyaa ganama namoota san fuudhee, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulqulleesse; achiin duuba guyyaan qulqulloomiisa isaanii yoom akka muummeffamuu fi tokko tokkoo isaaniitiifuu, ciincaan guyyaa kamitti akka dhikaatu beessisiisaaf gara Galma Waaqaa seene.
ACT 21:27 Guyyaan torba muummowuu geennaan, Yihudooti gariin ka lafa Asiya'aatii dhufane, Phawuloos Galma Waaqaa keessatti yennaa dhaggane, gumii duudii itti kakkaasanee, isa qabanee,
ACT 21:28 «Kolbaa Israa'elii, nu qarqaara'a! Nama keenna, Seera Muuse'eetii fi Galma kana irratti waan badduu dubbataa, addee mara dhaqaa nama duudii ka barsiisaaru nama kana. Ammumaayyuu worra Yihudoota hin te'in, gara Galma Waaqaa fidee, addee woyyittii tana batteesseera» jedhaa iyyane.
ACT 21:29 Isaan tanaan qara Xirofimoosii nama biyya Efesoonii isa woliin qachaa keessatti waan dhagganeef, Phawuloos gara Galma Waaqaa waan isa fidee seeneen seyanee, tana jedhane.
ACT 21:30 Qachaan sun guutumatti raafame; kolbaalle rukkisaa dhuttee, Phawuloos qaddee Galma Waaqaa keessaa harkittee baatte; balbalti Galma Waaqaalle yoosuma cufante.
ACT 21:31 Namooti isa ijjeesiisaaf adoo wodhaananuu, «Qachaan Yerusaalemii guutumatti raafameera» oduun jettu, ajajaa woraana Rooma'aa dhaqqadde.
ACT 21:32 Tanaaf inni loltootaa fi qondaaltotaa fudhatee, rukkisaa gara kolba'aa dhaqe; kolbaalle yennaa isaa fi loltoota isaa dhaggite, Phawuloos dikuu lakkitte.
ACT 21:33 Ajajaan kumaa Phawuloositti dhikaatee, isa qabee wodaroo sibiilaa lamaan akka hidhamu ajaje. Achiin duuba inni, «Namichi kun eennu? Inni maan balleesse?» jedhee gaafate.
ACT 21:34 Gumii san keessaa worri gariin waan tokko, kuun waan dhibii jedhane. Ajajaan kumaa hogaa kolba'aatiifuu, waan sirrii te'e beekiisa waan hin dandeenneef, akka loltooti gara addee quttuma loltootaa isa geessituuf ajaje.
ACT 21:35 Phawuloos yaabbannoo bira yennaa geye, kolbaan marti isatti aartee, balaa itti buusiisa waan barbaaddeef, loltooti isa ba'attee deente.
ACT 21:36 Kolbaan isaan gula deentu duudiin, «Ijjeefamuu ti!» jedhaa iyyite.
ACT 21:37 Loltooti gara addee quttii loltoota ifiititti, Phawuloos seensisiisaaf yennaa dhikaatane, inni ajajaa woraana Rooma'aatiin, «Wo dubbadhuu?» jedhe. Ajajaalle, «Afaan Giriikii beettaa?
ACT 21:38 Ati Gibxicha tanaan qara nageya booressee, namoota kuma afur ka lubbuu namaa ijjeesane fuudhee, gara goomole'ee geessee motii?» jedheen.
ACT 21:39 Phawuloos deebisee, «Ani Yihudicha, qachaa Xarseesii beekkantuu biyya Qiliiqiya'aa keessatti dhaladhe; maganne'ee kolba'atti dubbadhuu?» jedheen.
ACT 21:40 Yennaa ajajaan woraana Rooma'aa eeyyameef, Phawuloos yaabbannoo irra dhaabbatee, akka kolbaan cadhittu harkaan beessise; yennaa kolbaan cadhitte, afaan worra Yihudootaatiin isaanitti dubbatuu jalqabe.
ACT 22:1 «Obboleeyyanii fi abbootii tiyya! Amma falmata ani isinitti dhikeeffadhu kana naaf dhage'a'a!» jedhe.
ACT 22:2 Inni afaan Yihudootaatiin dubbatuun yennaa dhage'ane, irra caalaa cadhisane. Achiin duuba Phawuloos:
ACT 22:3 «Ani Yihudi'i; qachaa Xarseesii biyya Qiliiqiyaa keessaatitti dhaladhee, qachaa Yerusaalemiititti guddadhe. Ka na barsiiselle Gamaali'el; ani Seera abbootii teennaa akka maltetti ka baradhee fi akkuma isin adhaa gootanu, anille Waaqaaf hinaafeeraayyu.
ACT 22:4 Ani namoota dhugeeffannaa kiristaanaa hordofanu haga du'aatitti miidhaa irra geessiseera; dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidha'aatitti galcheera.
ACT 22:5 Tun dhugaa akka teete hayyicha gudda'aa fi korri mura'aa duudiin dhugaa naaf hin bayan. Ani xalayaa eeyyamaa ka gara bulchitoota Yihudoota Damaasqoo jiranutti barreeffame isaanuma irraa fudhadhee, jara achi jirtu qabee adabiisaaf, Damaasqoo dhaqe.
ACT 22:6 «Karaa gubbaa adoo jiruu Damaasqo'otti yennaa dhikaadhe, gara saatii jaatitti dedhuma ifi guddaan gubbaa irraa adaala kiyyatti balaqqise.
ACT 22:7 Ani lafatti jigee qoonqoo, ‹Saa'ol, Saa'ol! Maaf na miita?› jettu dhage'e.
ACT 22:8 Anille, ‹Eennu ati Gootta'a?› jedhee gaafadhe. Inni deebisee, ‹Ani Yesuusii Naaziretii, ka ati miitu› jedhe.
ACT 22:9 Namooti na woliin jiranu ifa dhaggane; ammoo qoonqoo natti dubbattu san hin dhageenne.
ACT 22:10 Ani, ‹Maan godhu Gootta'a?› jedhee gaafadhe. Goottaalle, ‹Ka'iitii, gara Damaasqo'oo deem; akka ati gootuuf waan Waaqi murteesse mara, achitti sitti himama› anaan jedhe.
ACT 22:11 Balaqqeettii ifaa irraa ka ka'e, ilti tiyya dhaggaa waan dadhaddeef, worri na woliin jiru harka na qabee, gara qachaa Damaasqo'oo na geesse.
ACT 22:12 «Qachaa san keessa namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko, ka Seera Muuse'ee eegatuu fi Yihudoota Damaasqoo jiranu duudii biralle'etti, ka ulfeeffame tokko jiraayyu.
ACT 22:13 Inni gara kiyya dhufee, na bira dhaabbatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol, ilti teeti deebitee sii dhaggitu!› jedhe. Yoosuma ilti tiyya banantee, isa dhagge.
ACT 22:14 Achiin duuba inni, ‹Waaqi abbootii teennaa, akka ati fedha isaa beettu, tajaajilaa isaa balchaa akka dhaggituu fi afaanuma isaatiin dubbatuun akka dhageettu, si filateera.
ACT 22:15 Ati waan dhageettee fi dhaggite, nama duudi'iif dhugaa akka baatuuf, inni tana godhe.
ACT 22:16 Amma maan eedda ree? Ol ka'iitii, maqaa isaa waamaa cuuphamiitii, cubbuu teeti dhiqadhu› anaan jedhe.
ACT 22:17 «Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, Galma Waaqaa keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, mudhii dhagge.
ACT 22:18 Mudhii san keessatti Goottaa dhagge. Inni anaan, ‹Kolbaan asii dhugaa ati naaf baatu waan hin fudhanneef, dafiitii ariifadhuu Yerusaalem keessaa bayi› jedhe.
ACT 22:19 Ani deebisee, ‹Gootta'a, akka ani Mana Waaqonfannaa Yihudootaa duudii dhaqee, worra si'itti dhugeeffate qabee tume, isaanuu hin beekan.
ACT 22:20 Yennaa Isxifanosiin dhugaa bayaan keeti ijjeefame, aninuu achi dhaabbadhee, ijjeefamuu isaatitti wolii galee, woyaa worra isa ijjeesuu eegiisatti jiraayyu› jedhe.
ACT 22:21 Goottaan anaan, ‹Ani fagoo gara worra Yihudoota hin te'inii waan si ergeef beenu› anaan jedhe» jedhee isaanitti hime.
ACT 22:22 Gumiin haga Phawuloos tana dubbatu isa dhageette; duuba irra ammoo, qoonqoo ol qabattee, «Nami akkasii lafa irraa baduu ti! Inni jiraatuu hin qabu!» jedhaa iyyite.
ACT 22:23 Isaan iyyaa, woyaa ifii gatanee, aarii guddoo mudhisiisaaf bukuu gara ol-gubba'aa facaasane.
ACT 22:24 Ajajaan woraana Rooma'aa, Phawuloos qabanee addee quttii loltoota woraanaa akka geessanuu fi kolbaan maaf akka itti iyyitu, dikamaa akka qoratamuu ajaje.
ACT 22:25 Yennaa isaan isa dikiisaaf teephaan hidhane ammoo, Phawuloos ajajaa dhibbaa ka achi dhaabbateen, «Nama Rooma'aa tokko, muraa malee dikiisi keessan seeraa?» jedhe.
ACT 22:26 Ajajaan dhibbaa yennaa waan kana dhage'e, gara ajajaa woraana Rooma'aa deemee, «Maan godhiisatti jirta? Namichi kun nama Rooma'aa ti!» jedheen.
ACT 22:27 Maarre ajajaan woraana Rooma'aa, gara Phawuloosii dhaqee, «Anatti himi, ati nama Rooma'aatii?» jedheen. Phawuloos deebisee, «Ee» jedheen.
ACT 22:28 Ajajaan woraana Rooma'aa deebisee, «Ani nama Rooma'aa te'iisaaf, beesee hedduu kaffaleera» jedhe. Phawuloosille, «Ani nama Rooma'aa te'ee dhaladhe» jedhe.
ACT 22:29 Tanaaf worri Phawuloos qorqoriisaaf qophowe sun, isa irraa deebi'e; ajajaan woraana Rooma'aalle, Phawuloos nama Rooma'aa akka te'ee fi wodaroo sibiilaatiin akka hiisiseeru yennaa hubate sodaate.
ACT 22:30 Boruyya'aa, ajajaan woraana Rooma'aa, worri Yihudootaa maaf Phawuloos akka himate, sababa dhuga'aa beekiisaaf barbaade; tanaaf sooreyyiin hayyootaatii fi miseensoti kora mura'aa duudiin akka wolitti qabamanu ajaje. Achiin duuba inni Phawuloos hiikee, isaan dura dhaabbachiise.
ACT 23:1 Phawuloos kora mura'aa hubatee ilaalee isaaniin, «Obboleeyyan tiyya! Ani haga guyyaa adhaatitti, wodanaa qullu'uun fuula Waaqaa duratti jiraadheera» jedhe.
ACT 23:2 Anaaniyaan Hayyichi Guddaan, worri Phawuloos bira dhaabbateeru, akka afaan keessa isa dhowu ajaje.
ACT 23:3 Yennaa san Phawuloos Anaaniya'aan, «Ati dhaaba manaa ka nooraa dibame fakkaatta! Waaqi si'i hin dhowa! Akka seeraatitti natti muriisaaf achi teetteerta, ifiif ammoo seera malee, akka na dhowanuuf ajajjaa?» jedheen.
ACT 23:4 Worri Phawuloos bira dhaabbateeru, «Ati Hayyicha Guddaa Waaqaa arrassitaa?» jedhaneen.
ACT 23:5 Phawuloos deebisee, «Obboleeyyan tiyya, akka inni Hayyicha Guddaa te'e ani hin beenne. Barreeffam Woyyichi, ‹Bulchaa kolbaa teetii irratti hantuu hin dubbatin› jedha» jedhe.
ACT 23:6 Phawuloos worra san keessaa gariin Saduqoota, ka dhibiin Fariisaayota akka te'ane yennaa beeke, kora mura'aa keessatti qoonqoo ol qabatee, «Obboleeyyan tiyya! Ani Fariisaayii ilma Fariisaayichaa ti. Worri du'ane hin ka'an jedhee waan addadheef, ani amma muraa duratti dhikaadheera» jedhee dubbate.
ACT 23:7 Akkuma inni waan kana jedheen, Fariisaayotaa fi Saduqoota oddu'utti lolli ka'ee, korri mura'aa addee lamatti qoodame.
ACT 23:8 Saduqooti, «Du'aa ka'iis hin jiru, ergantooti Waaqaa yookiin ayyaanoti hin jiranu» jedhan; Fariisaayoti ammoo, «Kun duudiin hin jiran» jedhanee dhugeeffatan.
ACT 23:9 Achiin duuba hogaan guddaan ka'e; barsiisoti Seeraa ka golii Fariisaayotaa te'ane gariin ka'anee, «Nuuti yakkaa womaa nama kana irratti hin dhaggine! Takki ayyaanatti yookiin ergamaa Waaqaatitti itti dubbateera!» jedhaa moromane.
ACT 23:10 Ajajaan woraana Rooma'aa moromaan waan o'iteef, jarri tun Phawuloos hin caccassan jedhee sodaate. Tanaaf loltooti dhaqanee, Phawuloos odduu isaaniitii baasanee, addee quttii loltootaa akka geessanu ajaje.
ACT 23:11 Halkanuma san Waaqi Phawuloos bira dhaabbatee, «Hin sodaatin! Ati Yerusaalemitti akkuma dhugaa naaf baate, akkasuma qachaa Rooma'aalle'etti dhugaa naaf bawuu qadda» jedhe.
ACT 23:12 Yennaa latti bariite Yihudooti gariin wolitti qabamanee, «Haga Phawuloos ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu» jedhanee kakatane.
ACT 23:13 Worri kakuu tana kakatane namoota afurtama caalan.
ACT 23:14 Achiin duuba isaan gara sooreyyii hayyootaatii fi jaarsole'ee dhaqanee, «Nuuti haga Phawuloos ijjeennutti, hin nyaannu, hin unnu jennee jabeessinee kakanneerra.
ACT 23:15 Tanaaf akka waan kora mura'aa woliin wolii galtanee, marroo Phawuloosii caalchittanee qorqortanuu fakkeessa'aatii, akka Phawuloos gadi isinii fidanu, ajajaa woraana Rooma'aa gaafadha'a. Nuuti ammoo adoo inni as hin geyin, isa ijjeesiisaaf qophoonneerra» jedhaneen.
ACT 23:16 Ilmi obboleettii Phawuloosii ammoo, mala kana waan dhage'eef, gara addee quttii loltootaa dhaqee, Phawuloositti hime.
ACT 23:17 Achiin duuba Phawuloos ajajjoota dhibbaa keessaa tokko waamee, «Dargaggeessi kun ajajaa woraana Rooma'aatitti waan himu waan qabuuf, gara isaa geessi» jedheen.
ACT 23:18 Ajajaan dhibbaa isa fuudhee, gara ajajaa woraana Rooma'aa geessee, «Phawuloosiin hidhameeru na waamee, dargaggeessi kun waan sitti himu waan qabuuf, gara keeti akka fiduuf na gaafate» jedhe.
ACT 23:19 Ajajaan woraana Rooma'aa, dargaggeessa harka qabee, qofitti baasee, «Wonni ati natti himiisaaf barbaaddu maan?» jedhee isa gaafate.
ACT 23:20 Dargaggeessille, «Yihudooti akka waan marroo Phawuloosii caalchisanee qorqoranuu fakkaatanee, akka ati boru gara kora mura'aa isa isaaniif dhikeessitu, si gaafatiisaaf wolii galaneeran.
ACT 23:21 Ati ammoo waan isaan jedhanu hin dhage'in. Namooti afurtama caalanu, haga isa ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu jedhanee kakatanee, riphanee isa eegiisatti jiran. Isaan amma murtee teeti qofa eegataaran» jedhe.
ACT 23:22 Ajajaan woraana Rooma'aa, «Waan natti hinte kana nama tokkolle'etti hin himin» jedhee itti seeree, dargaggeessa gad lakkise.
ACT 23:23 Achiin duuba ajajaan woraana Rooma'aa, ajajjoota dhibbaa ta ifii keessaa lama waamee, «Halkan keessa saatii saditti loltoota dhibba lama, abbootii fardo'oo nama torbaatamaa fi worra ebo'oo nama dhibba lama woliin gara Qiisaariya'aa dhaqiisaaf akka qophowanu godha'a.
ACT 23:24 Phawuloos adoo hin edderamin irra tee'ee gara bulchaa Feeliksii akka dhaqu, geejjiba qopheessa'aaf» jedhe.
ACT 23:25 Achiin duuba xalayaa,
ACT 23:26 «Ana Kilaawudiiyosii Liisiiyaasii irraa, bulchaa kabajamaa Feeliksiif! Nageenni si'iif te'u.
ACT 23:27 Yihudooti namicha kana qabanee, silaa ijjeesaaraniiyyu. Ani ammoo akka inni nama Rooma'aa te'e beekee, loltoota tiyya woliin dhaqee isa hambure.
ACT 23:28 Isaan maaf akka isa himataaranu beekiisaaf barbaadee, gara kora mura'aa ka isaanii isa geesse.
ACT 23:29 Himatam isaa marroo seera isaaniituma malee, yakkaa du'aan yookiin hidha'aan isa geettu, akka inni hin qanne qorqoree hubadheera.
ACT 23:30 Yihudooti namicha kana ijjeesiisaaf mala akka dhowane, yennaa natti himame, yoosuma gara keeti erge. Worri isa himatulle, himata isa irraa qabu akka si duratti dhikeeffatu itti himeera» jedhu barreesseef.
ACT 23:31 Loltooti akkuma ajajamanetti, halkanuma gaafasii Phawuloos fuudhanee Antiiphaaxriisitti geessane.
ACT 23:32 Boruyyaa loltooti worri miilaa gara addee quttii loltootaa deebi'e; worri fardo'oo Phawuloos woliin deeme.
ACT 23:33 Worri fardo'oo Qiisaariyaa yennaa geyane, xalayaa bulchaa biyyaatitti dhikeessanee, Phawuloosille isatti dabarsanee kennane.
ACT 23:34 Bulchaan biyyaa sun xalayaa dubbisee, Phawuloos nama biyya kamii akka te'e gaafate. Inni nama biyya Qiliiqiya'aa akka te'e yennaa beeke,
ACT 23:35 «Worri si himate yennaa as geye ani dubbii teeti hin ilaala» jedhe. Achiin duuba akka Phawuloos mana mootummaa Heroodisii keessatti eegamu ajaje.
ACT 24:1 Guyyaa shaniin duuba Anaaniiyaasiin Hayyichi Guddaan, jaarsolee gari'ii fi beekaa seeraa ka Xerxilos jedhamu tokko woliin, gara Qiisaariya'aa gad bu'e. Isaan Feeliksii bulchaa biyyaa dura dhikaatanee, himannaa Phawuloos irratti qabanu dhikeeffatane.
ACT 24:2 Phawuloos waamamee yennaa dhufe, Xerxilos himata ifii jalqabee, «Kabajamaa Feeliksi! Nuuti karaa keetiin nageya guddaa dhagganneerra; bulchiinsa dansaa keetille'een, jijjiiram kolbaa teennaaf dhaggameera.
ACT 24:3 Nuuti waan kana yennaa mara, addee maratti galata gudda'aan fudhanna.
ACT 24:4 Ani tana caalaa si dadhassiisuu hin barbaadu; teetuu malee himata gabaabaa nuuti qannu, gadhi-laafinnaan akka nuuf dhageettu si kadhadha.
ACT 24:5 Namichi kun dhukkuba hamaa nutti te'eera; inni Yihudoota biyya lafaa duudii oddu'utti nageya booressaa, golii worra Naaziretiitiif sooressaa te'eera.
ACT 24:6 Inni Galma Waaqaatuu xureessiisaaf wodhaanuun qanneerra; [akka seera keennaatitti isatti muriisaaf yaadanneerra.
ACT 24:7 Liisiiyaasiin ajajaan woraana Rooma'aa dhufee, hunnaan harka keennaa isa fuudhee,
ACT 24:8 achiin duuba worri isa himatu gara keeti akka dhufanu ajaje.] Ati namicha kana yoo qorte, atinuu wonni nuuti himannu duudiin dhugaa akka teete hin mirkaneeffatta» jedhe.
ACT 24:9 Yihudooti, «Wonni kun duudiin dhuga'a» jedhanee himata dhikaate irratti wolii galane.
ACT 24:10 Bulchaan biyyaa akka Phawuloos dubbatu harkaan beessise. Phawuloosille, «Akka ati woggaa heddu'uuf bulchaa kolbaa tanaa teete waan beekuuf, himata na irratti dhikaateef, si duratti falmatuu kiyya gammadeera.
ACT 24:11 Ani waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii haga ol bayee, guyyaa kudhanii lama akka hin caalin, atinuu mirkaneeffatuu dandeetta.
ACT 24:12 Galma Waaqaa keessatti, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessalle'etti yookiin qachaa keessatti eennuuyyuu woliin moromuun yookiin kolbaa raasuun na dhagganee hin beekanu.
ACT 24:13 Waan amma ittiin na himatanu kanaaf, tokkolle dhugaa sitti dhikeeffatuu hin dande'anu.
ACT 24:14 Ammoo waan tokko sitti himadha; ani karaa isaan, ‹Dhara› jedhanu san hordofiisaan, Waaqa abbootii teennaa waaqonfadha. Te'uu malee waan Seera Muuse'eetii fi kitaaba raagotaa keessatti barreeffame duudii hin dhugeeffadha.
ACT 24:15 Worri balcha'aa fi balchaa hin te'inille du'aa akka ka'anu, akkuma isaan addatanu, anille Waaqatti addii qaba.
ACT 24:16 Ani Waaqaa fi nama duratti wodanaa dansaa akka qabaadhu yennaa maraa mixiixxadha.
ACT 24:17 «Ani Yerusaalem keessaa bayee, woggaa heddu'uun duuba, beesee qarqaarsa kolbaa tiyyaaf geessiisaa fi woreega Waaqaaf kenniisaaf gara Yerusaalemii dhaqe.
ACT 24:18 Jila aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulloomiisaa muummessee, woreega kiyya dhikeessiisatti jiruun ana Galma Waaqaa keessatti dhaggane. Nami hedduun na woliin achi hin jiru; hogaalle hin kaane.
ACT 24:19 Yihudooti gariin ka Asiya'aa dhufane ammoo, achi jiraniiyyu; isaan waan si irratti na himatanu adoo qabaatanee, amma si dura dhikaatanee na himatanuu ti;
ACT 24:20 yookiin yennaa ani kora mura'aa dura dhaabbadhe, waan ani yakke worri as jiru himuu ti.
ACT 24:21 Ani odduu isaanii dhaabbadhee, qoonqoo tiyya ol qabadhee, ‹Ka du'ane hin ka'an› waan jedheef, adha mura'aaf isin duratti dhikaadhe malee, wonni dhibiin ani huje hin jirtu» jedhe.
ACT 24:22 Feeliksi ammoo karaa Gootta'aa akka dansaa waan beekeeruuf, «Ajajaan woraana Rooma'aa Liisiiyaas yennaa dhufe, dubbii teessan isiniif hin mura» jedhee isaan ifi irraa geegesse.
ACT 24:23 Achiin duuba inni, ajajaa dhibbaa ka Phawuloos eeguun, «Itti furiitii Phawuloos eegi; worri isaalle waan isaaf barbaachisu fidee yennaa dhufu, irraa hin dhooggin» jedhe.
ACT 24:24 Guyyaa diqqa'aan duuba, Feeliksi haadha manaa ifii Yihudittii Dirusilaa woliin dhufe. Inni Phawuloos waansisee, marroo Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaa dubbatuun caqase.
ACT 24:25 Phawuloos marroo balchumma'aa, marroo ifi toowatiisaatii fi marroo muraa dhufu'uu jirtuu yennaa dubbate, Feeliksi sodaatee, «Ammaaf hin geetti; yoo natti tolte aninuu si waama» jedhe.
ACT 24:26 Feeliksi Phawuloos irraa gubboo fudhatiisa waan barbaadeef, yennaa hedduu isa waansisaa haasesse.
ACT 24:27 Woggaan lamaan duuba, Phorkii'os Fesxoos addee Feeliksii bulchaa te'e. Feeliksi Yihudoota gammachiisuu barbaadee, Phawuloos akkuma hidhametti lakkise.
ACT 25:1 Fesxoos bulchaa te'ee guyyaa sadiin duuba, Qiisaariya'aa ka'ee gara Yerusaalemii dhaqe.
ACT 25:2 Achitti sooreyyiin hayyootaatii fi sooreyyiin Yihudootaa, Phawuloos himatane.
ACT 25:3 Isaan kara'atti riphanee Phawuloos akka ijjeesanu waan malataneef, isa Yerusaalemitti nuuf ergi jedhanee, Fesxoos gaafatane.
ACT 25:4 Fesxoos deebisee, «Phawuloos Qiisaariya'atti hidhamee eegamiisatti jira; anille dafee achi deebi'aara.
ACT 25:5 Sooressitooti teessan na woliin gara Qiisaariya'aa dhaqanee, wonni Phawuloos yakkeeru yoo jiraatte, achitti isa himatanuu ti» jedhe.
ACT 25:6 Fesxoos guyyaa saddeeti yookiin guyyaa kudhan isaan bira bubbuleen duuba, gara Qiisaariya'aa deeme; boruyyaa barcumaa mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos dhikeessanu ajaje.
ACT 25:7 Phawuloos yennaa dhikaate, Yihudooti Yerusaalemii dhufane isa marsanee, himata jajjabaa ka dhugaa hin qanne itti dhikeessane.
ACT 25:8 Phawuloos ammoo, «Ani Seera Yihudootaa irratti yookiin Galma Waaqaa irratti yookiin Mootii Mootota Rooma'aa irratti yakkaa tokkolle hujee hin jiru» jedhee falmate.
ACT 25:9 Fesxoos Yihudoota gammachiisiisaaf barbaadee, Phawuloosiin, «Gara Yerusaalemii dhaxxee, dubbii tanaaf akka ani muraa siif kennu hin feetaa?» jedhee gaafate.
ACT 25:10 Phawuloos deebisee, «Ammumaayyuu ani addee muraa itti fudhadhu, barcumaa mura'aa ka Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbadheera. Akkuma ati miidhassitee beettu, ani Yihudoota irratti yakkaa tokkolle hin hunye.
ACT 25:11 Ani yakkee waan du'a natti mursiittu yoo godhee jiraadhe, du'a jalaa bayiisaaf hin gaafadhu. Ammoo himati isaanii yoo dhugaa hin te'in, eennulle isaanitti dabarsee na kennuu hin dande'u. Ani amma Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha» jedhe.
ACT 25:12 Fesxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Maarre mootichatti iyyadha eega jette, gara mootichaa hin dhaxxa» jedhee itti hime.
ACT 25:13 Guyyoota diqqa'aan duuba mootichi Agriipha'aa fi Berniiqeen, Fesxoos dubbisiisaaf gara Qiisaariya'aa dhufane.
ACT 25:14 Isaan guyyaa hedduu achi turaneen duuba, Fesxoos waan dubbii Phawuloosii mooticha Agriipha'atti issee himee, «Nami Feeliksi hidhee lakkisee deeme tokko as jira;
ACT 25:15 ani yennaa gara Yerusaalemii dhaqe, sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isa himatanee, akka ani yakkaa isatti muru na gaafatane.
ACT 25:16 Ani ammoo, ‹Nami himatame tokko worra isa himatu dura dhaabbatee, deebii falmataa adoo hin kennin dabarsanee kenniis, aadaa worra Rooma'aatii moti› jedhee isaanitti hime.
ACT 25:17 Worri isa himate wolitti qabamee yennaa as dhufe, ani adoo hin turin, boruyyaa barcumaa kora mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos na duratti dhikeessanu ajaje.
ACT 25:18 Worri isa himatu isa himatiisaaf yennaa bira dhaabbatane, inni waan hantuu hujeera jedhee akka ani yaadetti, isaan waan himataan isa gewu tokkolle hin dhikeessine.
ACT 25:19 Moromaan isaan isa woliin qabanu marroo dhugeeffannaa ifiitii fi marroo Yesuusii du'eeru, ka Phawuloos ammoo, ‹Jiraata'a› jedhuu ti.
ACT 25:20 Ani dubbii tana akka itti qorqoru wollaalee, Phawuloosiin, ‹Gara Yerusaalemii dhaxxee, achitti dubbii tanaaf muraa dhaggatuu feetaa› jedhee isa gaafadhe.
ACT 25:21 Phawuloos ammoo, dubbii tana Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha waan jedheef, ani haga achii isa ergutti, mana hidha'aa keessa akka inni turu ajaje» jedhe.
ACT 25:22 Agriiphaan Fesxoosiin, «Aninuu dubbii namicha kanaa dhage'uu barbaada» jedheen. Fesxoos, «Boru isa dhageetta» jedhe.
ACT 25:23 Boruyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen, uffana mootummaa ifii uffatanee, ulfinna gudda'aan dhufanee, sooressitoota loltootaatii fi jaarsolee qacha'aa woliin, mana muraa itti kennanu ol seenane. Ajaja Feesxoosiitiin, Phawuloos ol seensisane.
ACT 25:24 Fesxoos, «Mootii Agriipha'a! Isinille worra nu woliin as jirtanu duudiin keessan! Namichi isin dhaggitanu kun, jiraatu'uuf hin malle jedhanee, kolbaan Yihudootaa duudiin Yerusaalemii fi asille'etti natti iyyataneeran.
ACT 25:25 Ani ammoo yakkaa du'aan isa geessittu tokkolle hin dhaggine. Ammoo waan inni Mootii Moototaa, ka Rooma'aatitti iyyadha jedheef, achi isa ergiisaaf murteeffadheera.
ACT 25:26 Te'uu malee goottaa kiyyaaf barreessiisaaf, waan namicha kanaa waan mirkanaaye hin qabu. Tanaaf isin duudii duraa fi keessattuu si'i mooticha Agriiphaa duratti, isa qorqoreen duuba marroo isaa waan barreessu akka qabaadhu, isa asi fideera.
ACT 25:27 Namaa hidhame tokko, waan inni itti himatame adoo hin qulleessin, Mootii Mootota Rooma'aatitti ergiisii, sirrii natti hin fakkaattu» jedhe.
ACT 26:1 Agriiphaan Phawuloosiin, «Ifii keetiif falmatuu hin dandeetta» jennaan, Phawuloos harka ifii diriirsee falmatee,
ACT 26:2 «Mooticha Agriipha'a! Waan Yihudooti na himatane duudii akka falmadhu adha si duratti dhikaatuu kiyyaan guddoo gammada.
ACT 26:3 Keessumattuu aada'aa fi moromaa Yihudootaa duudii miidhassitee beetta. Tanaaf ossataan akka naaf dhageettu si kadhadha.
ACT 26:4 «Ijoollummaa tiyyaan jalqabee, biyya tiyya keessaa fi Yerusaalemille'etti attam akka le'e Yihudooti duudiin hin beekan.
ACT 26:5 Isaan yoo naaf dhugaa bayuu fedhane, worra golii Fariisaayotaa ka dhugeeffannaa teenna jabeeffatanu keessaa, ani tokko akka te'e duruuyyuu beekan.
ACT 26:6 Amma ammoo, waadaa Waaqi abbootii teennaaf gale, waan addadheef ani asitti himatamiisatti jira.
ACT 26:7 Waadaan sun, ta gosi teenna kudhanii fi lama akka dhaggattuuf addattee, halkanii fi guyyaa Waaqaaf tajaajilte. Mooticha Agriipha'a! Sababa addii tanaatiif, Yihudooti amma na himatiisatti jiran.
ACT 26:8 Waaqi worra du'e akka kaasuu, maaf mantan?
ACT 26:9 «Aninuu karaa dande'e maraan, maqaa Yesuusii Naaziretii kanaan mormuu qaba jedhee, yaadadheeraayyu.
ACT 26:10 Ani waanuma kana Yerusaalem keessatti godhe. Ajaja sooreyyii hayyootaa irraa fudhadheen, kolbaa Waaqaa hedduu mana hidha'aatitti galcheera; yennaa isaan ijjeesanulle, worra ijjeesu woliin wolii galeera.
ACT 26:11 Yennaa hedduu Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isaan adabee, akka isaan dhugeeffannaa ifii mormatanu godhiisaaf wodhaaneera. Isaan irralle'etti aaree, qachaa ormaa keessalle'etti isaan miidheera.
ACT 26:12 «Adoo tana irra jiruu baalli'ii fi ajaja sooreyyii hayyootaa irraa fudhadhee, gara Damaasqo'oo dhaqe.
ACT 26:13 Mooticha! Orraa gara saatii jaatitti ani karaa gubbaa adoo jiruu, ifi aduu caalaa balaqqisu gubba'aan gadi dhufuun dhagge; ifi sunille adaala kiyyaa fi namoota na woliin deemiisatti jiranuutitti ife.
ACT 26:14 Nuuti duudiin lafatti jinneerruun, afaan worra Yihudootaatiin qoonqoo, ‹Saa'ol! Saa'ol! Ati maaf na miita? Sibiila mutaa yoo dhiitte ifuu miita› jettu dhage'e.
ACT 26:15 Anille, ‹Gootta'a, ati eennu?› jedhee gaafadhe. Goottaan deebisee, ‹Ani Yesuusii ati miidhiisatti jirtu.
ACT 26:16 Ammoo ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu. Akka ati tajaajilaa kiyya teetu si filatiisaaf, waan kiyya ka adha dhaggitee fi ka ani sitti mudhisu'uu jiru, akka dhugaa baatu ani sitti mudhadhe.
ACT 26:17 Worra ani itti si ergaaru kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'in irraa si fayyisa.
ACT 26:18 Ati ila isaanii bantee, dukkana irraa gara ifaa, hunna Seexanaa jalaa gara Waaqaa isaan hin deebitta; isaanille natti dhugeeffatiisaan, cubbuu ifiitiif araara dhaggatanee, kolbaa Waaqaaf woyyoonte oddu'utti dhaala fudhatan› jedhe.
ACT 26:19 «Maarre mooticha Agriipha'a, ani mudhii ol-gubba'aatiif ajajamuu hin didanne.
ACT 26:20 Jalqaba worra Damaasqoo keessa jiruuf, itti aansee worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru duudi'iif, achiin duuba worri Yihudoota hin te'inille cubbuu irraa deebi'anee, gara Waaqaa akka deebi'anu, cubbuu irraa deebi'uu isaaniille waan mudhisu akka hujanu, isaanitti lallabeera.
ACT 26:21 Yihudooti tanaaf Galma Waaqaa keessatti na qabanee, ijjeesiisaaf wodhaanane.
ACT 26:22 Haga guyyaa adhaatitti Waaqi na qarqaaree, anille as dhaabbadhee, diqqa'aa fi guddaa duudi'iif dhugaa bayiisatti jira. Ani waanuma raagotii fi Muuseen hin te'a jedhane malee, waan tokkolle hin dubbanne.
ACT 26:23 Isaan, ‹Masiihiin rakkatuu qaba; du'aa ka'iisaan ka jalqabaa te'ee, ifa fayyinnaa kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'iniif hin mudhisa› jedhane, jedhee dhugaa isaaniif baye» jedhe.
ACT 26:24 Phawuloos akkana falmatiisatti jiruun, Fesxoos qoonqoo ol qabatee, «Phawuloos! Guddoo baratiisi keeti si maraachaara!» jedhe.
ACT 26:25 Phawuloos deebisee, «Kabajamaa Fesxoos! Ani maraata'aa moti! Dubbii dhuga'aa qalbi'iin dubbatiisatti jira.
ACT 26:26 Mooticha Agriipha'a! Ati waan kana duudii marroo beettuuf, sodaa malee sitti dubbatiisa dande'a. Wonni kun cina'atti dhokattee waan hin te'iniif, waan duudii akka mootichi hubatu hin addadha.
ACT 26:27 Mooticha Agriipha'a! Ati raagotatti hin dhugeeffattaa motii? Akka ati dhugeeffattu aninuu hin beeka» jedhe.
ACT 26:28 Agriiphaan deebisee, Phawuloosiin, «Yennaa gabaadduu tana keessatti kiristaana waan na gootu seetaa?» jedheen.
ACT 26:29 Phawuloos deebisee, «Yennaan gabaabbattulle yookiin dheerattulle, si qofa adoo hin te'in worri adha na dhage'iisatti jiranu duudiin, hidhamiisa kiyya malee, akka kiyya akka ite'anu Waaqa daadimadha» jedhe.
ACT 26:30 Achiin duuba Mootichi, bulchaan biyyaa, Berniiqeen, worri isaan woliin tee'aneeranu duudiille ol ka'anee,
ACT 26:31 yennaa achii deemanu, «Namichi kun du'a yookiin hidhaa waan isatti mursiisu tokkolle hujee hin jiru» woliin jedhane.
ACT 26:32 Agriiphaan, Fesxoosiin, «Nami kun ‹Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha› adoo jedhuu dhabee jiraate, sila akkanumaan lakkifamaayyu» jedhe.
ACT 27:1 Akka nuuti hobolo'oon gara Ixaaliya'aa dhandhu yennaa murteessane, Phawuloosii fi worra hidhamane ka dhibii, kutaa woraana worra Rooma'aa «Awugusxoos» ka jedhamu keessa ka jiru, ajajaa dhibbaa Yulii'ositti dabarsanee kennane.
ACT 27:2 Hoboloo qachaa Adraamiixosiitii kaatee, gara buufata hobolo'oo, ka irga lafa Asiya'aa dhaqiisaaf qophootte, yaabbannee deenne. Arisxaarkosiin, nami biyya Maqedooniya'aa ka Tasalonqe'ee dhufe nu woliin jiraayyu.
ACT 27:3 Boruyyaa qachaa Sidoonii geenne; Yulii'os Phawuloosiif gadhaa laafee, akka inni gara firoota ifii dhaqee, waan barbaachisu dhaggatu isaaf eeyyame.
ACT 27:4 Sidoonii kaanee, qilleensi ful-duraan gara keenna waan dhoweef oddoola Qophiroosiititti gollannee hobolo'oon deenne.
ACT 27:5 Achiin duuba abbaayaa Qiliiqiya'aatii fi Phamfiliya'aa buuneen duuba, qachaa Miira'aa ka biyya Liiqiya'aa keessa jiru geenne.
ACT 27:6 Achitti ajajaan dhibbaa, hoboloo biyya Iskindiriya'aatii dhuttee, gara biyya Ixaaliya'aa dhaxxu dhaggee, nu yaabbachiise.
ACT 27:7 Guyyaa hedduu laana hobolo'oon deennee, rakkoo guddo'oon qachaa Kiniidoosii bira geenne; bubbeelle gara duraa deemiisa yennaa nu dhooggite, oddoola Qareexisiititti gollannee, cinaa Salmooniitiin dabarre.
ACT 27:8 Nuuti rakkoo guddo'oon cinaa abbaaya'aa irra dabarree, gara addee «Buufata hobolo'oo miidhagaa» jedhamu, ka qachaa Lase'aatitti dhikaatu bira geenne.
ACT 27:9 Yaasuma keenna irratti guyyaan hedduun dabaree, yennaan laamaalle waan dabarteef, hobolo'oon deemuun rakkisaa waan te'eef, Phawuloos isaanitti gorsee,
ACT 27:10 «Jarana! Haganaa achi hoboloo gudditti'iin deemiisi keenna kun akka balaa qabu dhagga; fe'iisaa fi hoboloon guddittiin baddee, lubbuun namaalle hin dhumatti» jedhe.
ACT 27:11 Ajajaan dhibbaa ammoo, gorsa Phawuloosii caalaa, waan abbaan hobolo'ootii fi ka hoboloo oofu jedhane dhugeeffate.
ACT 27:12 Addeen buufata hobolo'oo sun, yennaa gannaa achi turiisaaf ta hin tolle waan teeteef, isaan keessa garri caalaan, achii ka'anee, yoo isaanii dande'ame Finiiqe'etti galanee, ganna achitti bayiisaaf murteeffatane. Finiiqeen addee buufata hobolo'oo, oddoola Qareexisii irraa gara kaaba dhi'aatii fi kibba dhi'aa jirti.
ACT 27:13 Qilleensi laafaan karaa kibbaatiin bubbisuu yennaa jalqabe, akkuma isaan hedane waan teeteef seyanee, hoboloo guddittii hiikanee irga Qareexisiitiin abbaayaa irra deemane.
ACT 27:14 Ammoo adoo hin turin bubbeen jadduun, «Bubbee kaaba bahaa» jedhantu, oddoola Qareexisii irraa gara abbaaya'aa gad bubbitte.
ACT 27:15 Bubbeen hoboloo guddittii dhoottee, gara duraa deemiisa waan dadhanneef, itti lakkinnee bubbe'een oofanne.
ACT 27:16 Oddoola diqqayyicha Kaawudaa jedhamu tokko gollaa godhannee yennaa deenne, rakkoo guddo'oon hoboloo, hoboloo guddittii teennatti hidhantee harkifantu san, qilleensa irraa buufatiisa dandeenne.
ACT 27:17 Hoboloo ol harkisanee baasaneen duuba, hoboloon guddittiin akka hin diiganneef wodaro'oon xaxanee hidhane. Hoboloon guddittiin lafa maansa Sirtis jedhantutti nu duraa dhowanti jedhanee waan sodaataneef, waan laana isii ideensisu gad hiissanee, bubbe'een oofamaa deemane.
ACT 27:18 Bubbeen nutti jabaataa waan deenteef, boruyyaa fe'iisa hoboloo guddittii keessa jiru, gara abbaaya'aa darbuu jalqabane.
ACT 27:19 Guyyaa sadeesso'oo, harkuma ifiitiin meya hoboloo gudditti'ii abbaayaa gudditti'itti gatane.
ACT 27:20 Nuuti guyyaa hedduu aduu yookiin urjii hin dhaggine; bubbeelle ittuma jabaattee waan nutti bubbitteef, hin fayyinu jennee addii kutane.
ACT 27:21 Namooti adoo sagalee hin nyaatin guyyaa hedduu turaneen duuba, Phawuloos odduu isaanii dhaabbatee, «Jarana, waan ani isiniin jedhe dhageettanee Qareexisii adoo ka'uu dhaddane, bala'aa fi badiin tun isin hin dhaqqadduuyyu.
ACT 27:22 Amma ammoo, jabaadha'a! Sababille hoboloo guddittii malee, isin keessaa lubbuun nama tokkolle hin baddu.
ACT 27:23 Halkan edaa ergamaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa te'ee fi ka ani waaqonfadhuu, na bira dhaabbatee,
ACT 27:24 ‹Phawuloos, hin sodaatin! Ati Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbatuu qadda. Waaqille lubbuu worra si woliin jiruu duudii, si'iif jedhee du'a irraa hin hambura› jedhee natti himeera.
ACT 27:25 Tanaaf, jarana jabaadha'a! Akkuma inni natti hime akka teetu ani Waaqatti hin addadha.
ACT 27:26 Te'uu malee, bubbe'een oofannee, oddoola tokko irratti gatamuu hin oollu» jedhe.
ACT 27:27 Gaafa guyyaa kudhanii arfeesso'oo halkan, abbaayaa Adriiya'aa irra bubbeen asii fi achi nu oofaa, gara halkan wodhakka'aa yennaa geenne, worri hoboloo guddittii keessa jiranu, waan lafatti dhikaatane seyane.
ACT 27:28 Isaan waan ulfaatu qaccee wodaro'ootitti hidhanee gad buusanee, gad fageenni bisaanii meetira afurtama te'ee dhaggane; diqqoo deemaneen duuba akkuma kaan wodaroo bisaan keessa buusanee gad fageenni meetira soddoma te'e.
ACT 27:29 Hoboloon guddittiin rassaa dhootti jedhanee sodaatanee, sibiila ulfaataa afur, hoboloo guddittii duubaan abbaayaa keessa gad buusanee, akka latti bariituuf daadimatane.
ACT 27:30 Achiin duuba worri hoboloo guddittii oofu, dheetiisa barbaadanee, sibiila ulfaataa hoboloo guddittii duraan abbaayaa keessa waan gad buusanu fakkeessanee, hoboloo diqqittii hoboloo guddittii irra jirtu, abbaayaa keessa buusane.
ACT 27:31 Phawuloos ammoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, «Worri kun hoboloo guddittii irra yoo turuu dhabe, isin hafuu hin dandeettanu» jedhe.
ACT 27:32 Tanaaf loltooti wodaroo hoboloon diqqoon ittiin hidhante irraa kutanee abbaayaa irratti gad lakkisane.
ACT 27:33 Fuullee ganamaa, Phawuloos isaan duudiin sagalee akka nyaatanu kadhatee, «Isin adoo sagalee hin nyaatin adhi bultii kudhanii arfeesso'oo ti; yennaa tana mara womaa afaaniin hin qanne.
ACT 27:34 Tanaaf, akka isin sagalee nyaattanu isin kadhadha; jiraatiisaaf nyaatiisa isin barbaachisa. Isin keessaa mataa nama tokkoo irraayyuu rifeensi tokkolle hin badu» jedhe.
ACT 27:35 Phawuloos tana jedheen duuba, xaltaa ol fuudhee, isaan duudii duratti Waaqa galateeffatee, cassee, nyaatiisa jalqabe.
ACT 27:36 Achiin duuba isaan duudiin jajjabaatanee, sagalee nyaatane.
ACT 27:37 Nuuti worri hoboloo keessaa wolumatti namoota dhibba lamaa fi torbaatamii jaa.
ACT 27:38 Isaan duudiin nyaatanee quufaneen duuba, fe'iisa qamadi'ii abbaayaa gudditti'itti darbanee hoboloo guddittii sallisane.
ACT 27:39 Yennaa latti bariite, worri hoboloo oofu latti eessa akka teete hin beenne; ammoo isaan maansa qarqara abbaaya'aa dhagganee, yoo dande'ame hoboloo guddittii gara qarqara lafaa dhiibiisaaf barbaadane.
ACT 27:40 Maarre isaan wodaroo kutanee sibiila ulfaataa san akka abbaayaa keessa lixu lakkisane; yoosuma wodaroo muka hobolo'oon oofanulle hiikane. Marduufa fuula duraa bubbe'etti ol kaasanee, akka bubbeen hoboloo guddittii gara qarqara abbaaya'aa geessitu lakkisane.
ACT 27:41 Hoboloon guddittiin ammoo gara duraatiin lixxee, tuulaa maansaatitti rakkattee tacho'uu dadhadde; gara duubaatiin ammoo hunna danbali'iitiin caccabuu jalqadde.
ACT 27:42 Worra hidhamane keessaa tokkolle abbaayaa daakee akka hin milindhe, loltooti isaan duudii ijjeesiisaaf yaadatane.
ACT 27:43 Ajajaan dhibbaa ammoo Phawuloos lubbuu hamburiisaaf waan barbaadeef, akka isaan waan yaadane godhanu hin lakkinne. Inni worri daakiisa dande'u dursee hoboloo guddittii irraa utaalee akka lafatti bayanu ajaje;
ACT 27:44 worri hafe ammoo, falaxaa mukaa baxxichaan yookiin muka hoboloo gudditti'ii ka caccabeen akka bayanu hime. Akka kanaan isaan duudiin nageyaan lafa irra geyane.
ACT 28:1 Nuuti nageyaan lafa irra geenneen duuba, maqaan oddoola sanii Malaaxiyaa akka jedhamu beenne.
ACT 28:2 Namooti oddoola sanii, waan baaseffachiisu nuu godhane; roobaa fi boojjii waan teeteef, ibidda gabbisanee nu duudii fudhatane.
ACT 28:3 Phawuloos haasumee wolitti qabee ibiddatti yennaa kewu, buutiin takka qoraan keessaa o'a ibiddaa adoo dheettuu, harka Phawuloosii ciniinte.
ACT 28:4 Namooti oddoola sanii, buutiin harka Phawuloosiititti rarrateertuun dhagganee, «Namichi kun nama dhiigaa ti; inni abbaayaa keessaa nageyaan bawulle, muraa Waaqaa jalaa bayee, jiru'uun le'iisa hin dandeenne» woliin jedhane.
ACT 28:5 Phawuloos ammoo, buutii ibidda irratti hargufee buusee, adoo hin miidhamin hafe.
ACT 28:6 Isaan, «Nafi isaa ammaa iitowa yookiin ammaa lafa dhowee du'a» jedhaa eegaaraniiyyu. Guddoo eeganeen duuba ammoo akka womaa te'aa hin jirre dhagganee, yaada ifii jijjiiranee, «Inni waaqa» jedhane.
ACT 28:7 Bulchaan oddoolaa ka Phophlii'os jedhamu tokko, addee san biraa lafa qabaayyu; inni mana ifiititti nu fudhatee, haga guyyaa sadii akka dansaa nu keessumsiise.
ACT 28:8 Gaafas abbaan Phophlii'osii dhukkuba nafa o'isuu fi albaasuun dhibamee irkateeraayyu. Phawuloos gara isaa ilaaliisaaf seenee, isaaf daadimatee, harka ifii isa irra keyee fayyise.
ACT 28:9 Wonni kun teeteen duuba, worri dhibiin oddoola sanii ka dhibamane duudiin, dhufanee fayyane.
ACT 28:10 Isaan ulfinna guddaa nu kennanee, yennaa nuuti hobolo'oon deemiisaaf kaane, waan kara'aaf nu barbaachisu mara nuu kennane.
ACT 28:11 Ji'a sadiin duuba hoboloo guddittii Iskindiriya'aa, ta ji'a gannaa lafa Maalxiya'aatitti baateen kaanee deenne; hoboloon guddittiin sunille waaqota lakku'uu ka, «Diyoosqoros» jedhamu mataa irraa qaddi.
ACT 28:12 Qachaa Seraakusiititti gallee, guyyaa sad achi bulle.
ACT 28:13 Achii hobolo'oon kaanee, qachaa Reegiyosii geenne. Boruyyaa bubbeen kibba irraa bubbittu waan kaateef, guyyaa lamatti gara qachaa Photiyolii dhunne.
ACT 28:14 Qachaa sanitti dhugeeffattoota garii dhagginee, guyyaa torba isaan woliin akka turru nu gaafatane; achiin duuba gara qachaa Rooma'aa deenne.
ACT 28:15 Dhugeeffattooti qachaa Rooma'aa keessa jiranu, dhufa teenna dhage'anee, kuun haga qachaa Aphiyosii, kuun haga addee «Bultuma sad» jedhantuu nu fudhatiisaaf dhufane. Phawuloos yennaa isaan dhagge, Waaqa galateeffatee, jajjabaate.
ACT 28:16 Qachaa Rooma'aa yennaa geenne, Phawuloos lolticha isa eegu woliin qofi akka le'u eeyyamameef.
ACT 28:17 Guyyaa sadiin duuba, Phawuloos sooreyyii Yihudootaa wolitti waansise. Yennaa isaan wolitti qabamane, «Obboleeyyan tiyya; ani kolbaa teenna irratti yookiin aadaa abbootii teennaa irratti yakkaa tokkolle adoo hin godhin, Yerusaalem keessatti hidhamee, harka worra Rooma'aatitti dabarfamee kenname.
ACT 28:18 Worri Rooma'aa na qoranee, yakkaa du'a natti mursiittu waan dhabaneef, na hiikiisaaf barbaadane.
ACT 28:19 Yihudooti ammoo yennaa waan kana mormane, Mootii Moototaatitti akka iyyadhu hunnaan godhame malee, kolbaa tiyya irratti himata hin qabu.
ACT 28:20 Sababa kanaaf isin dhaggee, isin woliin dubbannuuf isin waame. Ani sababa addii kolbaa Israa'eliitiif jedhee wodaroo sibiilaa tanaan hidhameera» jedhee isaanitti dubbatte.
ACT 28:21 Isaan deebisanee, «Lafa Yihuda'aa irraa xalayaan tokkolle marroo teetiif nuuf hin barreeffanne; yookiin kolbaan teenna ta achii dhutte oduu yookiin waan hantuu tokkolle marroo teeti hin dubbanne.
ACT 28:22 Te'uu malee kolbaan addee duudi'itti golii dhugeeffannaa teetii tana akka mormitu hin beenna; nuuti ammoo yaada keeti dhage'uu barbaanna» jedhane.
ACT 28:23 Maarre isaan guyyaa Phawuloos woliin wol dhagganu qabatanee, guyyaa san heddatanee addee Phawuloos jiru dhufane. Inni ganamaa jalqabee haga galgalaa marroo Mootummaa Waaqaa isaaniif dhugaa bayee, marroo Yesuusii kitaaba Muuse'eetii fi raagotaa keessaa itti himaa isaan dhugeeffachiisiisaaf wodhaane.
ACT 28:24 Isaan keessaa gariin dubbii inni dubbate dhugeeffatane, worri kuun ammoo hin dhugeeffanne.
ACT 28:25 Maarre isaan wolii hin galle; adoo isaan achii hin ka'in, Phawuloos dubbii takkattii tana isaanitti dubbatee, «Ayyaanni Woyyichi afaan Isaayaasii raagichaatiin abbootii teessanitti dubbatee,
ACT 28:26 « ‹Gara kolbaa tanaa dhaqiitii: Isin hin dhageettan hin dhageettan, ammoo hin hubattanu: Isin hin ilaaltan hin ilaaltan, ammoo hin dhaggitanu jedhiin.
ACT 28:27 Sababille qalbiin kolbaa tanaa dillootteerti; gurri isaanii cuqqalameera; ila ifiille dunuunfataneeran. Adoo akkas hin te'inii, silaa ilti isaanii dhaggitee, gurri isaanii dhage'ee, qalbiin isaanii hubattee, sila gara kiyya deebi'anee, anille isaan fayyiseeraayyu› jedhe.
ACT 28:28 «Fayyinni Waaqaa kun worra Yihudoota hin te'iniif akka ergame beeka'a. Isaan hin dhage'an» jedhe. [
ACT 28:29 Phawuloos tana dubbateen duuba, worri Yihudootaa guddoo wol moromaa isa biraa deemane.]
ACT 28:30 Phawuloos woggaa lama duudii mana kireeffate keessa tee'ee, worra isa ilaaliisaaf dhufu duudii fudhate.
ACT 28:31 Inni sodaa malee, namuu adoo isa hin dhooggin mootummaa Waaqaa lallabaa, marroo Goottaa Yesuus Kiristoosiille barsiise.
ROM 1:1 Ana Phawuloosii tajaajilaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi ergamaa te'iisaaf waamamee, Oduu Gammadaa ta Waaqaa akka lallabuuf Waaqi file irraa:
ROM 1:2 Oduun Gammadaa tun akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffante, ta Waaqi bara heddu'uun duratti karaa raagota ifiitiin waadaa gale.
ROM 1:3 Oduun Gammadaa marroo Ilma isaa, Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, namoomaan sanyii Daawitii keessaa dhalatee dubbatti;
ROM 1:4 akkasuma Goottaan keenna Yesuus Kiristoos Ayyaana Woyyichaan du'a keessaa ka'iisaan, Ilma Waaqaa akka te'e hunna guddo'oon beekkameera.
ROM 1:5 Karaa isaatii fi maqaa isaatii jedhee, worri Yihudoota hin te'in mara akka dhugeeffatuu fi ajajamu, akka ani qajeelchuuf badhaadha ergamaa te'iisaa, Waaqi naaf kenneera.
ROM 1:6 Isinille worri Roomaa keessaa, ka Yesuus Kiristoosii akka teetanuuf Waaqi waameera.
ROM 1:7 Maarre isin worra Roomaa keessa leetanu, ka Waaqi jaalatee akka kolbaa isaa teetanuuf waame maraaf: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya kennu.
ROM 1:8 Duraan dursee, dhugeeffannaan teessan biyya lafaa maratti waan dhage'amiisatti jirtuuf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraaf Waaqa kiyya galateeffadha.
ROM 1:9 Waaqi ani gadhaa tokkochaan Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa dubbattu lallabiisaan tajaajilu, akka ani yennaa mara daadimannaa tiyyaan isin qaabadhu dhugaa tiyya.
ROM 1:10 Waaqi fedha ifiitiin dhuma irratti akka ani amma dhufee isin dhagguuf akka na dandeessisu gaafadha.
ROM 1:11 Isin jajjabeessiisaaf, eebba Ayyaanaa isiniin geyiisaaf, ani isin dhaggiisaaf guddoo barbaadeera.
ROM 1:12 Isin dhugeeffannaa tiyyaan anille dhugeeffannaa teessaniin, nuuti lamaanuu akka wol jajjabeessinu jechuu kiyya.
ROM 1:13 Obboleeyyan tiyya! Ani akkuma worra Yihudoota hin te'in oddu'utti dhugeeffattoota hedduu dhagge, isin odduulle'etti dhugeeffattoota dhagguu fedheeraayyu; yennaa hedduu gara keessan dhufiisaaf karoorfadhee, ammoo akka naaf hin te'in akka beettanu barbaada.
ROM 1:14 Ani kolbaa maraaf, worra Giriikootaatii fi worra Giriikoota hin te'iniifille, qaroole'ee fi gowwoole'eefille itti gaafatama qaba.
ROM 1:15 Maarre ani isin worra Roomaa keessa leetanuufille, Oduu Gammadaa lallabiisaaf halchaa qaba.
ROM 1:16 Ani Oduu Gammadaatitti hin fokkifadhu; Oduun Gammadaa worra dhugeeffatu mara: duraan dursitee Yihudoota, akkasuma worra Yihudoota hin te'in mara fayyisiisaaf hunna Waaqaa ti.
ROM 1:17 «Balchaan dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata» jedhantee barreeffanteerti; balchummaan Waaqaa huji'iin waan mudhatteef, jalqabaa haga dhumaatitti nami dhugeeffanna'aan balchooma.
ROM 1:18 Waaqa sodaa dhabiisaa fi hammeenna kolba'aa, ka hammeenna ifiitiin dhugaa mudhii dhoogganu irratti, ol-gubbaa irraa mufiin Waaqaa mudhatteerti.
ROM 1:19 Waan namooti marroo Waaqaa beekiisaaf dande'anu, Waaqinuu waan isaanitti mudhiseeruuf, isaanitti mura.
ROM 1:20 Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu.
ROM 1:21 Isaan Waaqa adoo beekaneeranu, ulfinnaa fi galata isaaf male hin kennineef; yaada ifiitille'een shufuroo te'ane; qalbiin isaanii duwwaan sun dukkanootte.
ROM 1:22 Qaroolee ifiin jedhan, ammoo isaan gowwoole'e;
ROM 1:23 ulfinna Waaqa hin duuneef kennuu malane, fakkii nama du'uutiif yookiin sinbirrootaatiif yookiin bineensota miila afuriitiif yookiin bineensota lafa irra lowanuutiif kennane.
ROM 1:24 Tanaaf akka isaan nafa wolii irratti waan fokkisiisu godhanuuf, halchaa isaanii badduu ta battumma'aan guutanteef akka bitamanu Waaqi dabarsee isaan kenne.
ROM 1:25 Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqonfatiisa irra waan Waaqi dade waaqonfatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen.
ROM 1:26 Isaan kana waan hujaneef, Waaqi halchaa fokkisiittuuf dabarsee isaan kenne. Dubartiin isaanii aadaa malee dubartii woliin sagaagalte.
ROM 1:27 Akkasuma dhiirtille wol qunnamtii aada'aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane.
ROM 1:28 Namooti Waaqa beekiisa waan didaneef, Waaqi qalbii jallaametti'iif dabarsee isaan kenne; tanaaf isaan waan hujiisaaf hin malle hujan.
ROM 1:29 Isaan balleessaa adda addaatiin, hammeennaan, joljolaan, hujii gadhe'een, hinaaffa'aan, ijjeecha'aan, lolaan, sobaa fi dabaan guutamane. Akkasuma wol hamatan,
ROM 1:30 maqaa wol balleessan, Waaqa jibban, wol arrassan, hin bondhooran, ifi saadan, karaa heddu'uun hammeenna barbaadan, worra ifiitiif hin ajajamanu,
ROM 1:31 hin qalbeeffatanu, waan dubbatanu hin guutanu, woli hin jaalatanu yookiin woliif naasuu hin qabanu.
ROM 1:32 Isaan Seera Waaqaa ka, «Worra waan akkasii godhu maraaf du'atti male» jedhu hin beekan. Te'uu malee, waan akkasii mara godhiisa qofa adoo hin te'in, worra waan akkasii godhulle'een, «Dansaa gootane» jedhan.
ROM 2:1 Ati, nama dhibi'itti ka murtu, waan itti aalattu hin qaddu. Ati ka nama dhibi'itti murtu, waanuma inni huje san waan hujjuuf, ifumatti murta.
ROM 2:2 Muraan Waaqaa ka worra waan akkasii huju irratti dhufu sirrii akka te'e nuuti hin beenna.
ROM 2:3 Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa?
ROM 2:4 Yookiin gadhi-laafummaa isaa guddoo, ossata isaatii fi si dande'uu isaa hin tuffattaa ree? Wonni Waaqi gadhi-laafummaa ifii si'iif fakkanseef, gara cubbuu irraa deebi'iisaa si geessiisaaf akka te'e hin beettuu?
ROM 2:5 Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi'ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta.
ROM 2:6 Waaqi nama tokko tokkoofuu akkuma hujii isaatitti hin kenna.
ROM 2:7 Inni worra ossee waan dansaa hujaa ulfinna, guddinnaa fi jiruu hin banne Waaqa biraa dhaggatiisaaf barbaaduuf, jiruu bara baraa hin kenna.
ROM 2:8 Worri dhibiin mataa ifii jaalatee waan dokonkora te'e hordofiisaaf dhugaa didane; Waaqi mufi'ii fi muraa ifii isaanitti hin fida.
ROM 2:9 Dhiphinnii fi rakkinni worra waan hantuu huju mara irratti, dursee Yihudoota irratti akkasuma worra Yihudoota hin te'in irralle'etti hin dhufa.
ROM 2:10 Waaqi ammoo ulfinna, guddinnaa fi nageya worra waan dansaa hujatu maraaf, dursee Yihudootaaf akkasuma worra Yihudoota hin te'iniifille hin kenna.
ROM 2:11 Waaqi nama wol hin caalchisu.
ROM 2:12 Worri adoo Seera Muuse'ee hin qabaatin cubbuu huju, Seera dhabulle hin badan; worri Seera adoo qabuu cubbuu huju maraa ammoo Seeraan itti muranti.
ROM 2:13 Sababille fuula Waaqaa duratti waan Seerri ajaju hujiisaan balchaa te'an malee, dhage'iisa calla'aanii moti.
ROM 2:14 Worri Yihudoota hin te'in Seera hin qabanu; Seera qabaatuu dhabanulle, dadama isaaniitiin waan Seerri ajaju hujan; isaan ifiif seera isaanii ti.
ROM 2:15 Akki isaanii akka wonni Seerri ajaju gadhaa isaanii keessatti barreeffameeru mudhisa. Yennaa tokko tokko wodanaan isaanii isaan himata; yennaa tokko tokkolle isaaniif falmata; tanaaf, wodanaan isaaniille tun dhugaa akka teete mudhisa.
ROM 2:16 Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dhossa'a ka namooti hujane maratti muru tun teeti.
ROM 2:17 Kunoo ati, «Ani Yihudi'i» ifiin jetta; seeratti ciqilfatta; ka Waaqaa te'iisa keetille'een ifi jajja.
ROM 2:18 Ati fedha Waaqaa hin beetta; Seera waan baratteertuuf waan te'uu fi waan hin teene gargar baattee hin beetta.
ROM 2:19 Worra balla'aaf sooressa, worra dukkana keessa jiruuf ifa akka teete ifi addatta;
ROM 2:20 Seera keessatti beekkumsaa fi dhugaa waan dhaggiteef, gowwaa hin gorsita, wollaalaa hin barsiitta.
ROM 2:21 Ati worra dhibii ka barsiittu maaf ifi hin barsiinne ree? «Hin hatina'a!» jettee lalladda, ifiif ammoo hin hatta;
ROM 2:22 «Hin gaarayyeeffatina'a!» jetta, ifiif ammoo hin gaarayyeeffatta; waaqota dharaa waaqonfatiisa hin jibbita, ammoo galmoota isaanii hin saanta.
ROM 2:23 Seera Waaqaatiin ifi jajja, ammoo seera isaa cassiisaan Waaqa irratti fokkoo fidda.
ROM 2:24 Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Sababa keessaniif, maqaan Waaqaa worra Yihudoota hin te'in oddu'utti faanshoweera» jedhu.
ROM 2:25 Ati yoo Seeraaf ajajante, haqanqabaa qabatiisi keeti gatii qaba; yoo ati ammoo Seeraaf hin ajajamin, akka ijjumaayyuu haqanqabaa hin qabatin teeta.
ROM 2:26 Worri Yihudoota hin te'in ka haqanqabaa hin qabatin, ajaja Seeraatiif yoo ajajame, akka haqanqabaa qabateetitti Waaqi hin laakkowuufii ree?
ROM 2:27 Maarre ati haqanqabaa qabattee Seera barreeffame qabaattulle, Seera waan cassiteef, worri haqanqabaa hin qabatin sitti hin mura; isaan nafaan haqanqabaa qabatiisa dhabanulle, Seeraaf ammoo ajajamaneeran.
ROM 2:28 Nami maqaa calla'aan nama Yihudi'ii te'e nama Yihudii dhugichaa moti; akkasuma haqanqabaan nafaa mudhatu qabatanu haqanqabaa dhugichaa moti.
ROM 2:29 Yihudiin dhuga'aa nama keessi isaa Yihudii te'e; haqanqabaan dhugichi, haqanqabaa Ayyaana Waaqaatiin te'u, haqanqabaa qalbi'ii ti malee, haqanqabaa nafaa, ka akka Seera keessatti barreeffameetii moti. Nami akkasii leellisa Waaqa biraa dhaggata malee, nama biraanii moti.
ROM 3:1 Eegasuu bu'aan Yihudii te'iisaa maan ree? Yookiin gatiin haqanqabaa qabatiisaa maan?
ROM 3:2 Dhugumaan Yihudii te'iis karaa maraanuu gatii guddoo qaba! Wonni guddaan Waaqi magannee jecha ifii Yihudootatti kennatiisa.
ROM 3:3 Yihudoota keessaa gariin yoo hin addatamin, addatamiisa dhabiisi isaanii addatamiisa Waaqaa hin hamburaa ree?
ROM 3:4 Ijjumaa hin hamburu! «Ati jecha keetiin dhugaamessa teeta; worra si himatulle hin injifatta» jedhantee akkuma barreeffante, nami maraayyuu dharaamessa te'ulle, Waaqi dhugaamessa.
ROM 3:5 Ammoo balchummaa dhabuun keenna yoo balchummaa Waaqaa irra caalaa mudhise, nuuti silaa maan jenna ree? Waaqi yennaa nu adabe balleessaa hujee ree? Tana akkuma nami dubbatu dubbadha.
ROM 3:6 Ijjumaa waawwo'o! Waaqi balchaa yoo hin te'in, attamiin biyya lafaatitti mura ree?
ROM 3:7 Ammoo addatamuu dhabuun kiyya addatamiisa Waaqaa mudhittee, baceenna ulfinna isaa ka mudhittu yoo teete, maaf haga ammaa akka cubbaalessaa natti murama ree?
ROM 3:8 Namooti gariin, «Waan dansaa fidiisaaf, kowa'a waan hantuu huyna» jedhaa akka waan ani barsiisuu fakkeessanee na himatan; tanaaf worra akkasii irratti muraan murantu tama isaanii malte.
ROM 3:9 Nuuti Yihudooti worra Yihudoota hin te'in hin caallaa ree? Ijjumaa waawwo'o! Nami duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'inille hunna cubbu'uu jala akka jiranu ani dursee mudhiseera.
ROM 3:10 Akkuma barreeffante: «Nami balchaan tokkolle hin jiru, tokkolle hin jiru;
ROM 3:11 ka hubatulle hin jiru; ka Waaqa barbaadatulle hin jiru.
ROM 3:12 Martinuu worra gatii hin qanne te'aneeran; wol qabatanee dokonkoraneeran. Hujii dansaa ka huju tokkolle hin jiru;
ROM 3:13 Jecha nama miidhu dubbatiisaaf, afaan isaanii akka awwaala banamee ti; arraba ifiitiin hin soban; dubbiin hidhiin isaanii dubbattulle ta akka hadhaa dhudhuufa'aa nama miitu;
ROM 3:14 afaan isaanii abaarsaa fi dubbii hadhoottu'uun guutameera.
ROM 3:15 Miilli isaanii dhiiga namaa jissiisaaf ariifata;
ROM 3:16 addee isaan dhaqane mara badi'ii fi deegatti jira.
ROM 3:17 Karaa nageyaalle hin beekanu;
ROM 3:18 Waaqa sodaan isaan bira hin jirtu» jedha.
ROM 3:19 Ajaji Seeraa worra Seera jala jiru akka ilaalu hin beenna; tanaaf namooti waan itti aalatanu dhabanee afaan qabatan; biyyi lafaa duudiin muraa Waaqaa jala galti.
ROM 3:20 Tanaaf eennulle Seera muummessiisaan Waaqa duratti hin balchoomu; Seerri nami maraa cubbicha akka te'e mudhisa.
ROM 3:21 Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse'eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran.
ROM 3:22 Waaqi worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu maraaf adoo wol hin caalchisin balchummaa hin kenna.
ROM 3:23 Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera.
ROM 3:24 Ammoo karaa wodoo te'iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera.
ROM 3:25 Worri isatti dhugeeffatu maraa dhiiga isaatiin araara cubbuu ifii akka dhaggatuuf, Waaqi Yesuus Kiristoos ciincaa guma'aa godhee dhikeesse. Inni cubbuu durii ossa ifiitiin balleessiisaan muraa ifii ta sirrii teete mudhisiisaaf tana godhe.
ROM 3:26 Bara ammaa kanalle, worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu mara balchoonsiisaan, Waaqi balchaa te'iisa ifii mudhisa.
ROM 3:27 Yoona wonni ittiin ifi jajnu maanti jira ree? Womaa! Maaf ifi jajuu dhanna ree? Waan Seera muummessinuufii? Waawwo'o; ammoo dhugeeffanna'aan.
ROM 3:28 Maarre nami waan Seerri ajaju muummessiisaan adoo hin te'in, dhugeeffannaa calla'aan Waaqa duratti akka balchoomu dhaggina.
ROM 3:29 Yookiin Waaqi Waaqa Yihudootaa calla'aa? Inni Waaqa worra Yihudoota hin te'iniitille'ee motii? Ee, ka worra Yihudoota hin te'iniitille'e.
ROM 3:30 Waaqi tokkocha; Yihudootalle te'e, worra Yihudoota hin te'in dhugeeffannuma isaaniitiin ka balchoonsu isa.
ROM 3:31 Eegasuu dhugeeffanna'aan Seera hin diinna jechu'uu ree? Waawwo'o; diigiisaan irra, Seera jabeessinee qabanna.
ROM 4:1 Marroo Abrahaamii, abbaa sanyii teennaa maan jenna ree? Inni maan dhaggate?
ROM 4:2 Adoo waan Abrahaam huji'iin balchoomee jiraate, silaa inni waan ittiin ifi jaju qabaayyu; ammoo Waaqa duratti ifi jajuu hin dande'u.
ROM 4:3 Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha.
ROM 4:4 Mindaan nama hojjateef kaffalamu, gatii hujii isaa ti malee, akka kennansaatitti hin laakkowamu.
ROM 4:5 Nami hujii dansaa dhabulle, Waaqa cubbaalleyyii balchoonsutti yoo dhugeeffate, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti hin laakkowantiif.
ROM 4:6 Nami Waaqi hujii dansaa malee balchoonsu, nama badhaadhe akka te'e Daawitille dubbatee,
ROM 4:7 «Worri yakkaa isaaniitiif araarri kennamee fi cubbuun isaaniille haqanteef ka badhaadhe!
ROM 4:8 Nami Goottaan cubbuu isaa itti hin laakkonne ka badhaadhe» jedheera.
ROM 4:9 Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille'eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille'eef. Nuuti, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti laakkowanteef» jenna.
ROM 4:10 Dhugeeffannaan Abrahaamiif, balchumma'atti ka laakkowanteef yoom? Haqanqabaa qabateen dura moo duuba? Adoo haqanqabaa hin qabatin dura malee, duubaa moti.
ROM 4:11 Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te'uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma'atti laakkowantu maraaf abba'a.
ROM 4:12 Akkasuma Abrahaam worra haqanqabaa hin qabatinille'eef abba'a; waan isaan haqanqabaa qabatane qofaaf adoo hin te'in, waan isaan dhugeeffannaa inni adoo haqanqabaa hin qabatin dura qabulle hordofaneef, worra haqanqabaa qabateef abbaa te'e.
ROM 4:13 Abrahaamii fi sanyiin isaa biyya lafaa akka dhaaltu wonni Waaqi waadaa galeef, marroo balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggateetiif malee, waan Seera muummesseefii moti.
ROM 4:14 Worri dhaalu worra Seera muummessu yoo te'e, dhugeeffannaan gatii hin qaddu; waadaan Waaqi galelle gatii hin qabu.
ROM 4:15 Seerri mufii Waaqaa fida; addee Seerri hin jirretti ammoo, Seera dabariis hin jiru.
ROM 4:16 Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te'e tanaan mirkanoweera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba'a.
ROM 4:17 Barreeffam Woyyichi marroo Abrahaamii yennaa dubbatu, «Gosa heddu'uuf abbaa si godheera» jedha; Waaqa worra du'e du'aa kaasuu fi waan hin jirre jiraachisutti Abrahaam waan dhugeeffateef, Waaqi waadaa kana isaaf gale.
ROM 4:18 Abrahaam addee wonni addachiisu hin jirretti addatee, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Sanyiin teeti hin heddatti» jedhu, abbaa gosa heddu'uu te'e.
ROM 4:19 Inni nama gara woggaa dhibbaa ti; ammoo nafa ifii ka du'a geye, yookiin gadaamessa Saara'aalle ka dewuu hin dandeenne herregee dhugeeffanna'aan hin dadhanne.
ROM 4:20 Inni dhugeeffanna'aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne.
ROM 4:21 Waaqi waadaa gale ka muummessu akka te'elle gadhaa tokkochaan dhugeeffateeraayyu.
ROM 4:22 Tanaaf dhugeeffannaan Abrahaamii balchumma'atti isaa laakkowante.
ROM 4:23 Te'uu malee jechi, «Balchumma'atti laakkowameef» jedhu, Abrahaam calla'aaf adoo hin te'in,
ROM 4:24 nu'ulle'eef barreeffame. Nu worra Waaqa Goottaa keenna Yesuus du'aa kaasetti dhugeeffannuufille, dhugeeffannaan teenna balchumma'atti nu'uuf hin laakkowanti.
ROM 4:25 Yesuus sababa cubbuu teennaatiif du'aaf dabarfamee kennamee, nu balchoonsiisaaf du'aa ka'e.
ROM 5:1 Tanaaf, eega dhugeeffanna'aan Waaqa duratti balchoonne, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa woliin nageya qanna.
ROM 5:2 Kiristoos gara badhaadha Waaqaa, ka amma ittiin dhaabbannee jirru kanaa nu fideera; nuutille addii ulfinna Waaqaa ittiin qoodannuun ifi jajna.
ROM 5:3 Tana qofaan adoo hin te'in, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu'uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle'een ifi jajna.
ROM 5:4 Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida.
ROM 5:5 Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu.
ROM 5:6 Adoo nuuti dadhaboole'eetuu, yennaan Waaqi murteesse geennaan Kiristoos cubbaaleyyi'iif du'e.
ROM 5:7 Nama addee nama balcha'a du'u dhaggatiis guddoo rakkisa'a; te'ulle nami addee nama dansa'a du'iisaaf fedhu dhaggamuu fa dande'a.
ROM 5:8 Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi'iituu Kiristoos addee teenna du'eera; kunille jaalalli Waaqi nu'uuf qabu attam attam guddaa akka te'e mudhisa.
ROM 5:9 Amma nuuti dhiiga isaatiin eega balchoonnee, karaa isaatiin irra caalaa mufii Waaqaa jalaa hin baana.
ROM 5:10 Nuuti diinota Waaqaa ti; inni ammoo karaa du'a Ilma ifiitiin jaalota ifii nu godhe. Amma eega jaalota Waaqaa teene, karaa jiruu Kiristoosiitiin irra caalaa hin fayyina.
ROM 5:11 Tana qofa adoo hin te'in, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii ittiin Waaqa woliin araaranneetille'een, Waaqaan ifi hin jajna.
ROM 5:12 Karaa nama tokkochaatiin cubbuun gara biyya lafaa dhutte; cubbuulle du'a fidde. Akkasuma nami maraa cubbuu Addaamiitiin waan cubbameef, duuti sanyii namaa maratti dhutte.
ROM 5:13 Adoo Seerri Muuse'ee hin kennamin dura cubbuun biyya lafaa irra jirtiiyyuu; te'uu malee addee Seerri hin jirretti, cubbuun akka cubbu'uutitti hin laakkowantu.
ROM 5:14 Ammoo bara Addaamii irraa jalqaddee haga bara Muuse'ee, duuti nama mara irratti moote; worruma akka Addaamii Seera Waaqaa dabaree cubbuu hin hunye irralle'etti moote. Addaam fakkeenna Kiristoosii dhufuu ti.
ROM 5:15 Ammoo kennaan badhaadha Waaqaa akka cubbuu namaatii moti; akkuma sababa cubbuu nama tokkochaatiif worri hedduun du'e, sababa badhaadha Waaqaatii fi sababa Yesuus Kiristoosii nama tokkochaatiif, kennansi badhaadhaa worra heddu'uuf danbalaafamee kennameera.
ROM 5:16 Akkasuma bu'aan badhaadhaa, ka kennansi Waaqaa tolaa fide, ka akka cubbuun nama tokkochaa fiddeetii moti; muraan marroo cubbuu nama tokkochaatiif kenname adabbii fide; kennansi tolaa ka sababa cubbuu heddu'uutiif kenname ammoo balchummaa fide.
ROM 5:17 Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala'ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le'aa mowan.
ROM 5:18 Maarre, akkuma cubbuun nama tokkochaa nama maratti yakkaa mursiitte, hujiin balchumma'aa ta nama tokkochaa nama mara balchoonsitee jiruu hin kenniti.
ROM 5:19 Akkuma ajajama dhabiisa Addaamiitiin worri hedduun cubbaalleyyii te'e, ajajamiisa Kiristoosiitiin worri hedduun hin balchooma.
ROM 5:20 Seerri akka cubbuun bacattuuf dhufe; ammoo qixxee cubbuun bacatte caalaa badhaadhi Waaqaa bacate.
ROM 5:21 Maarre, akkuma cubbuun karaa du'aatiin moote, badhaadhi Waaqaalle karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, gara jiruu bara baraa nu geessiisaan balchumma'aan mowa.
ROM 6:1 Yoona maan jenna ree? Badhaadhi Waaqaa akka bacatuuf ittuma cubbuu hunyaa ree?
ROM 6:2 Waawwo'o! Nu worri cubbuu jalaa duune, attam cubbuma jala jiraanna ree?
ROM 6:3 Nu worri Yesuus Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphanne maraa, du'a isaalle qoodamiisaaf akka cuuphanne hin beettanuu ree?
ROM 6:4 Yennaa cuuphamaan isa woliin awwaalanne, worra du'a isaalle qoodamu teeneerra; tanaaf akkuma Kiristoos ulfinna Abba'aatiin du'aa ka'e, nuutille jiruu haareyaan hin jiraanna.
ROM 6:5 Du'a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du'aa ka'iisa isaatille'een isa woliin tokko hin teena.
ROM 6:6 Le'iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu'uu te'iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna.
ROM 6:7 Nami du'e hunna cubbu'uu jalaa bilisa bayeera.
ROM 6:8 Yoona yoo Kiristoos woliin duune, isa woliin jiru'uun akka leenu hin dhugeeffanna.
ROM 6:9 Kiristoos waan du'aa ka'eef, deebi'ee akka hin duunee fi duutille isa irratti baallii akka hin qanne hin beenna.
ROM 6:10 Inni yennaa du'e akka cubbuun isa irratti hunna hin qabaanneef, takkumaan yennaa maraaf du'e; ammalle yennaa jiru'uun le'u, Waaqaaf le'a.
ROM 6:11 Isinille akka cubbuu jalaa duutanee, karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqaaf leetanuutitti ifi laakkowa'a.
ROM 6:12 Maarre halchaa foon keessaniitiif akka ajajantanu akka isin hin goone, nafa keessan ka du'u keessatti cubbuun akka mootuuf hin eeyyamina'a.
ROM 6:13 Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu'uu gootanee cubbu'uuf hin dhikeessina'a; ammoo akka worra du'a keessaa bayee gara jiru'uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa'a; nafa keessan duudii meya balchumma'aa godha'aatii Waaqaaf dhikeessa'a.
ROM 6:14 Isin badhaadha Waaqaa jala jirtan malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuun isin irratti hin goottontu.
ROM 6:15 Yoona maan jenna ree? Nuuti badhaadha Waaqaa jala malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuu hunyuu ree? Ijjumaa waawwo'o!
ROM 6:16 Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu'uuf ajajantane, cubbuu du'a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan.
ROM 6:17 Isin dur garboota cubbu'uu ti; amma ammoo barumsa fudhattaneef gadhaa guutu'uun waan ajajantaneef, Waaqi galatoomu.
ROM 6:18 Cubbuu jalaa baatanee garboota balchumma'aa teetaneertan.
ROM 6:19 Isin dadamaan dadhaboolee waan teetaneef, ani dubbii namaa galtuun dubbatiisatti jira. Akkuma tanaan dura qooda nafa keessanii garba battumma'aatii fi jallu'uu gootanee dhikeessitane, amma akka qoodi nafa keessanii maraa woyyoomu garba balchumma'aa godha'aatii dhikeessa'a.
ROM 6:20 Isin yennaa garboota cubbu'uu teetane, balchummaa jalaa bilisa jirtaniiyyu.
ROM 6:21 Waan amma ittiin fokkifattanu kana irraa yennaa san bu'aa maan dhaggattane ree? Muummeen waan saniille du'a!
ROM 6:22 Amma ammoo cubbuu jalaa baatanee garboota Waaqaa waan teetaneef woyyummaa hin dhaggatan; muummeen woyyumma'aalle jiruu bara baraa ti.
ROM 6:23 Gatiin cubbu'uu du'a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.
ROM 7:1 Obboleeyyan tiyya! Ani worra seera beekuuf dubbadha. Seerri haga nami jiru'uun jiru qofa nama irratti baallii qaba.
ROM 7:2 Fakkeennaaf, dubartiin heerumte takka, haga dhirsi isi'ii jiru seeraan itti hidhanteerti; yoo inni du'e ammoo, seera ittiin hidhante san jalaa baateerti.
ROM 7:3 Tanaaf dhirsi isi'ii adoo jiruu, dhiira dhibii yoo heerumte, gaarayyeeffattuu jedhanti. Dhirsi isi'ii yoo du'e ammoo, isiin seera isatti hidhante jalaa hin baati; dhirsa dhibii yoo heerumtelle gaarayyeeffattu'uu moti.
ROM 7:4 Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du'a keessaa ka'ee teetaneertan.
ROM 7:5 Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du'aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu.
ROM 7:6 Amma ammoo, Seera nu hidheeru jalaa duunee, hidhaansa isaa jalaa baaneerra. Tanaaf haganaa achi karaa haareya Ayyaanaatiin malee, karaa Seera dullacha barreeffameeruutiin hin tajaajillu.
ROM 7:7 Yoona maan jenna ree? Seerrinuu cubbu'u jennuu ree? Waawwo'o! Ammoo cubbuun maan akka teete akka ani beeku ka godhe Seera. Adoo Seerri, «Hin kajeelin» jedhuu dhabe kajeellaan maan akka teete, ani sila hin beekuuyyu.
ROM 7:8 Cubbuun karaa ajaja Seera irraa dhufeetiin, halchaan marti akka na keessatti nunnuffantu goote. Ammoo addee Seerri hin jirretti cubbuun waan du'e.
ROM 7:9 Yennaa dur Seerri hin jirre ani jiru'uun le'eera; ammoo yennaa ajaji Seeraa dhufe cubbuun jiruu dhaggattee,
ROM 7:10 ani du'e. Ajaji Seeraa ka jiru'uuf kennamelle du'a natti fide.
ROM 7:11 Cubbuun karaa ajaja Seeraatiin na soddee, na ijjeette.
ROM 7:12 Maarre, Seerri woyyu'u; ajaji isaalle woyyu'u, balcha'aa fi dansa'a.
ROM 7:13 Eegasuu waanuma dansa'attuu du'a natti fide jechu'uu ree? Waawwo'o! Cubbuun cubbuu teetee akka mudhattuuf, karaa waan dansa'aatiin, du'a natti fidde. Karaa ajajaatiinille, cubbuun irra caalaa cubbuu teete.
ROM 7:14 Seerri ayyaanticha akka te'e hin beenna. Ani ammoo nama foonii, ka garbicha cubbu'uu te'iisaaf gurgurameeru.
ROM 7:15 Ani waan godhu hin hubadhu; ani waan godhiisaaf barbaadu hin godhu, ammoo waan jibbu godha.
ROM 7:16 Ani eega waan hin barbaanne godhu teete, Seerri dansaa akka te'e wolii gala.
ROM 7:17 Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu na keessa jirtu malee anaa moti.
ROM 7:18 Ana keessa yookiin namummaa kiyya keessa wonni dansaan takkattiille akka hin jirre ani hin beeka. Waan dansaa godhiisaaf halchaan na keessa jiraattulle, ani waan dansaa godhiisaaf hin dandeenne.
ROM 7:19 Ani waan dansaa godhiisaaf barbaade hin godhu; ammoo hantuu godhiisaaf hin barbaanne godha.
ROM 7:20 Ani yoo waan godhiisaaf hin barbaanne godhu teete, ka kana godhu cubbuu na keessa jirtu malee, anaa moti.
ROM 7:21 Maarre ani Seerri hujii irra ooluun dhagga; ani yennaa waan dansaa godhiisaa barbaadu, seerri namumma'aa akka ani hantuu qofa godhu na tolcha.
ROM 7:22 Keessi kiyya Seera Waaqaatitti gammada.
ROM 7:23 Te'uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin na keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu'uu ti; inni garba ifii na godhateera.
ROM 7:24 Ani nama farraamessa attamiiti! Foon gara du'aa na geessaaru kana jalaa eentu na baasa?
ROM 7:25 Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galanni Waaqaaf te'u! Maarre, qalbii tiyyaan ani garbicha Seera Waaqaa ti; foon kiyyaan ammoo garbicha seera cubbu'uu ti.
ROM 8:1 Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le'u, amma muraa yakka'aa jala hin jiru.
ROM 8:2 Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu'uutii fi du'aa jalaa na baaseera.
ROM 8:3 Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure.
ROM 8:4 Nu worra akka fedha foonii adoo hin te'in, akka fedha Ayyaanaa leenu keessatti, wonni Seerri nu irraa gaafatu balchichi akka muummowuuf, Waaqi tana godhe.
ROM 8:5 Worri akka fedha foonii le'u waan foonii, worri akka fedha Ayyaanaa le'u ammoo waan ayyaanticha yaadatan.
ROM 8:6 Yaada fooniitiin mowamuun du'a fida; yaada Ayyaanaatiin mowamuun ammoo jiru'uu fi nageya kenna.
ROM 8:7 Nami yaada fooniitiin mowamu diina Waaqaa ti; sababille inni Seera Waaqaatiif hin ajajamu; ajajamiisaafille hin dande'u.
ROM 8:8 Worri yaada fooniitiif ajajamu Waaqa gammachiisuu hin dande'u.
ROM 8:9 Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti.
ROM 8:10 Yoo Kiristoos isin keessa jiraate, sababa cubbu'uutiif nafi keessan du'ulle, sababa balchumma'aatiif Ayyaanni jiruu isinii kenna.
ROM 8:11 Ayyaanni Waaqaa ka Yesuus du'a keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, ka Kiristoos du'a keessaa kaase, karaa Ayyaana ifiitiin nafa keessan ka du'uufille jiruu hin kenna.
ROM 8:12 Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Nuuti waan godhuu qannu qanna; wonni godhuu qannu sunille akka fedha foonii le'iisaa moti.
ROM 8:13 Yoo akka fedha foonii leetane, hin duutan; ammoo hunna Ayyaana Woyyichaatiin hujii fedha foonii yoo ijjeettane jiru'uun leetan.
ROM 8:14 Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti.
ROM 8:15 Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba'a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda'aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne.
ROM 8:16 Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya.
ROM 8:17 Maarre ijoollee Waaqaa eega teene, isa hin dhaalla; Kiristoos wolille'een hin dhaalla; amma rakkinna Kiristoosii eega qoodanne, ulfinna isaalle hin qoodanna.
ROM 8:18 Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu'uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande'annetti ani laakkowa.
ROM 8:19 Dadi duudiin mudhachuu ijoollee Waaqaa dharraa gudda'aan eegiisatti jirti.
ROM 8:20 Dadi duudiin ta gatii hin qanne akka teetuuf itti murameera; kunille fedhii ifiitiin adoo hin te'in, fedhii Waaqa akka dadi duudiin addi'iin eeggattu godheetiin teete.
ROM 8:21 Addiin sunille ta dadi duudiin gaafa tokko garbummaa badi'ii jalaa baatee, ulfinna bilisummaa ijoollee Waaqaa qoodantu.
ROM 8:22 Dadi duudiinuu haga ammaa ciniinsifatiisaan aadiisatti akka jirtu hin beenna.
ROM 8:23 Dada qofa adoo hin te'in, nuutinuu worri Ayyaana kennaa mata'aa te'e qannu, Waaqi ilma isaa ka guddisaa te'iisa keenna akka mudhisuu fi du'a jalaa wodamiisa keenna eegataa, keessa keennatti aadiisatti jirra.
ROM 8:24 Nuuti yennaa fayyine waan addi'iin eegataa jirrutti jira; wonni addii godhannu waan fudhanneerru yoo te'e, addii te'iisi isaa hin hafa. Waan fudhateeru ka addi'iin eegatu eennu ree?
ROM 8:25 Waan hin fudhatin yoo addii godhanne ammoo, ossaan hin eeganna.
ROM 8:26 Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu qarqaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi'iin himantee hin dandeenneen nu'uuf daadimata.
ROM 8:27 Waaqi gadhaa namaa qorqorulle, yaadi Ayyaanaa maan akka te'e hin beeka; sababille Ayyaanni akka fedha Waaqaatitti kolbaa Waaqaatiif daadimata.
ROM 8:28 Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa'aaf akka isaanii godhu hin beenna.
ROM 8:29 Worri inni dursee filate akka Ilma isaa fakkaatuu fi Ilmi isaalle obboleeyyan hedduu oddu'utti angafa akka te'uuf, waan Waaqi dursee murteesseeruuf tun teete.
ROM 8:30 Worra dursee murteesse waameera; worra waamelle balchoonseera; worra balchoonselle ulfeesseera.
ROM 8:31 Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande'a?
ROM 8:32 Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree?
ROM 8:33 Worra Waaqi fooyate eentu himata? Ka isaan balchoonsu Waaqa.
ROM 8:34 Eentu itti mura ree? Kiristoos Yesuusiin du'ee, du'a keessaa ka'ee midda Waaqaa jiru, nu'uuf daadimatiisatti jira.
ROM 8:35 Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko'oo moo farra? Miidha'a moo beela? Daara moo bala'a? Yookiin du'aa ree?
ROM 8:36 Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Si'iif jennee guyyuma guyya'aan ijjeefanna; akka hoolee qalantuutitti laakkowanneerra» jedhu.
ROM 8:37 Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaalateetiin injifattoota caalleerra.
ROM 8:38 Du'alle te'ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te'ee bulchitooti ol-gubba'aa, wonna amma jirulle te'ee wonni dhufu'uuf jiru, hunnootalle yoo te'e,
ROM 8:39 wonna gubbaa jirulle te'ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te'e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande'ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.
ROM 9:1 Ani ka Kiristoosii waan te'eef dhuguma dubbadha; ani hin sobu. Wodanaan kiyya ka Ayyaana Woyyichaan sooreffamulle, akka ani hin sonne dhugaa naaf baya.
ROM 9:2 Ani gadda gudda'aa fi laalaa hin lakkinne gadhaa kiyya keessaa qaba.
ROM 9:3 Gosa tiyya ta hiddaa hidaada kiyya teeteef jedhee, Kiristoos irraa gargar bayee adoo abaarame hin jaaladha.
ROM 9:4 Gosi tiyya sun gosa Israa'elii ti; Waaqi ijoollee ifii isii godhatee, ulfinna ifiille isi'ii mudhise; gondooroo isii woliin gondoorate, Seeralle isi'ii kenne; isiin waaqonfannaa dhuga'aa qaddi; waadaa hedduulle Waaqi isi'iif gale;
ROM 9:5 isiin sanyii abbootii teenna gugurdo'oo ti; Kiristoosille, akka namumma'aatitti gosa isi'ii keessaa dhalate; Waaqi waan mara bulchu, haga bara baraa leellifamu! Ameen.
ROM 9:6 Te'uu malee jechi Waaqaa diigameera jechu'uu moti; kolbaan Israa'elii mara dhugumaan kolbaa Israa'eliitii moti.
ROM 9:7 Akkasuma sanyiin Abrahaamii marti dhugumaan ijoollee isaatii moti; ammoo, Waaqi Abrahaamiin, «Sanyiin teeti sanyii Yisihaqiitiin waammanti» jedheera.
ROM 9:8 Kana jechuun ijoolleen akkuma aadaa nami uumatuutiin dhalatte ijoollee Waaqaati jechu'uu moti; ammoo ta akka sanyi'iititti laakkowantu, ijoollee akka waadaa Waaqi galeetitti dhalatte.
ROM 9:9 Waadaan sunille jecha, «Bara dhufu yennaa akkasii yennaa ani deebi'ee dhufu, Saaraan ilma deetteerti» jedhu.
ROM 9:10 Kana qofaa moti, Ribqaan ilmaan lakkuu abbuma tokkochaaf, abbaa sanyii teennaa Yisihaqiif yennaa ulfootte,
ROM 9:11 filannoon Waaqaa huji'iin adoo hin te'in, waamichaan akka te'e mudhisiisaaf, ijoolleen lamaanuu adoo hin dhalatin, isaan keessalle'ee tokkolle dansaa yookiin hantuu adoo hin hujin dura,
ROM 9:12 Waaqi Ribqa'aan, «Angafichi maandhicha tajaajila» jedhe.
ROM 9:13 Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Ani Yaaqoob jaaladhe, Esaawu ammoo jibbe» jedhu.
ROM 9:14 Yoona maan jenna ree? Waaqi sirri'ii moti jedhuu dandeennaa? Ijjumaa hin dandeennu!
ROM 9:15 Waaqi Muuse'een, «Ani kama mararuu barbaadeef marara; kama nawuu barbaadeefille naya» jedhe.
ROM 9:16 Tanaaf, wonni marti marartii Waaqaa qofa irratti hundootti malee, waan nami fedhu yookiin godhu irrattii moti.
ROM 9:17 Barreeffam Woyyichi, marroo mooticha Fara'oonii yennaa dubbatu, «Maqaan kiyya biyya lafaa mara keessatti akka lallabamuu fi hunni tiyya si'iin akka mudhattuuf ani mootii si godhe» jedha.
ROM 9:18 Maarre Waaqi nama fedhe marara, nama fedhelle mataa jabeessa.
ROM 9:19 Isin keessaa nami tokko, «Yoo akkana teete, Waaqi attam dande'ee balleessaa nama irratti dhagga? Fedhii Waaqaa eentu mormuu dande'a?» anaan hin jedha fa'a.
ROM 9:20 Namana! Waaqa woliin moromiisaaf ati eennu? Okkoteen faaraa nama isii dhoween, «Maaf akkana na dhootte?» jedhuu dandeetti?
ROM 9:21 Nami faara dhowu tokko, loobaa faaraa tokkochuma irraa, meya tokkocha ulfinnaaf, kaan woma te'eef akka te'u godhee dhowiisaaf baallii hin qabuu?
ROM 9:22 Wonni Waaqi godhelle tanaan wol fakkaatti. Inni hunna ifii beessisiisaa fi mufii ifii mudhisiisaaf barbaade. Ammoo worra mufii isaa jala jiru, ka badi'iif qophowe san ciniinnatee ossate.
ROM 9:23 Worra ulfinna ifiitiif dursee qopheesse, ka akka marartiin isaa irratti mudhattu itti dhangalaaseefille, ulfinna ifii guddaa mudhisuu barbaade.
ROM 9:24 Worri inni waame nu fa'aayyu; inni worra Yihudootaa qofa keessaa adoo hin te'in, worra Yihudoota hin te'inille keessaa waameera.
ROM 9:25 Inni kitaaba Hose'aa keessatti, «Worra kolbaa tiyya hin te'in, ‹Kolbaa tiyya› jedhee hin waama; kolbaa hin jaalatannelle, ‹Jaalatantuu tiyya› jedhee hin waama.
ROM 9:26 Adduma, ‹Isin kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti, ‹Ijoollee Waaqa jiraata'aa› jedhamanee hin waamaman» jedha.
ROM 9:27 Isaayaasille marroo Israa'elii qoonqoo ol qabatee, «Laakkossi kolbaa Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa yoo heddatelle, worruma diqqaa qofatti fayya;
ROM 9:28 Goottaan adoo hin turin ariifatee kolbaa biyya lafaa maratti hin mura» jedheera.
ROM 9:29 Akkasuma Isaayaas duraan dursee, «Goottaan Waan Mara Dade adoo sanyii garii nu'uuf hamburuu dhabe, sila akkuma qachooti Sodoomiitii fi Gomora'aa badane banneerra» jedheera.
ROM 9:30 Yoona maan jennuu ree? Worri Yihudoota hin te'in, ka balchummaa hin hordofin, balchummaa dhaggate; balchummaan tun ammoo ta dhugeeffanna'aan dhaggantu.
ROM 9:31 Israa'eliin Seera balchummaa fidu hordofaa turte ammoo, seera muummessiisa waan hin dande'iniif balchummaa bira hin geenne.
ROM 9:32 Maaf bira hin geyin? Sababille isaan dhugeeffanna'aan adoo hin te'in, huji'iin balchummaa dhaggatiisaaf barbaadane. Isaan dhakaa gufachiisuun gufatane.
ROM 9:33 Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Kunoo, ani dhakaa kolbaa gufachiisu, rassaa isaan jissu Xiyoon keessa hin keya, ka itti dhugeeffatu ammoo hin qaanowu» jedhu.
ROM 10:1 Obboleeyyan tiyya! Halchaan guddoon gadhaa kiyya keessa jirtuu fi daadimannaan ani gara Waaqaa daadimadhu akka kolbaan Israa'elii fayyitu.
ROM 10:2 Isaan Waaqaaf akka ifi kennaneeranu ani dhugaa isaaniif baya; ammoo Waaqaaf ifi kenniis isaanii sun beekkumsa dhuga'aa irratti ka hundayeeruu moti.
ROM 10:3 Isaan karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonfatu wollaalanee, karaa ifiif baafatiisaaf wodhaanane; karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonsutti harka hin kennanne.
ROM 10:4 Nami Kiristoositti dhugeeffatu mara akka balchoomuuf, Seerri Kiristoosiin muummoweera.
ROM 10:5 Muuseen marroo balchummaa Seeraaf ajajamiisaan dhaggantuu, «Nami Seera muummessu mara jiru'uun le'a» jedhee barreesseera.
ROM 10:6 Balchummaan dhugeeffanna'aan dhaggantu ammoo, «Gadhaa keeti keessatti, ‹Eentu ol-gubbaa baya?› hin jedhin; sun, Kiristoos gad fidiisa.
ROM 10:7 Yookiin, gadhaa keeti keessatti, ‹Eentu qile'etti gad bu'a?› hin jedhin; sunille, Kiristoos du'a keessaa ol fidiisa» jetti.
ROM 10:8 Ammoo maan jetti ree? «Jechi Waaqaa si bira, hidhii teeti irraa fi gadhaa keeti keessa jira» jetti. Sunille, jecha dhugeeffanna'aa ka nuuti lallannu.
ROM 10:9 Yesuus Goottaa akka te'e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du'a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita.
ROM 10:10 Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya.
ROM 10:11 Barreeffam Woyyichi, «Nami isatti dhugeeffatu hin qaanowu» jedha.
ROM 10:12 Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te'in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna.
ROM 10:13 Sababille Barreeffam Woyyichi, «Nami maqaa Gootta'aa waammatu mara hin fayya» jedha.
ROM 10:14 Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande'a? Marroo isaa adoo hin dhage'in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage'uu dande'an ree?
ROM 10:15 Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande'a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha.
ROM 10:16 Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, «Gootta'a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?» jedha.
ROM 10:17 Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage'iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.
ROM 10:18 Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage'aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi, «Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage'ante; dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde» jedha.
ROM 10:19 Ani ammalle, kolbaan Israa'elii hin hubannee? Jedhee gaafadha. Duraan dursee Muuseen, «Kolbaa tuffatante hinaassisee, isin gaabbisiisa; kolbaa gowwitti'illeen isin aarsa» jedheera.
ROM 10:20 Isaayaasille, «Ani worra ana hin barbaadiniif dhaggameera; worra ‹Waaqi eessa jira› jedhee ana hin gaafatiniifille mudhadheera» jedhee sodaa malee dubbateera.
ROM 10:21 Marroo Israa'elii ammoo, «Kolbaa finqiltu'uu fi ta hin ajajanneef, ani harka kiyya guyyaa guutuu badhiseera» jedha.
ROM 11:1 Ani hin gaafadha: Waaqi kolbaa ifii gateeraa ree? Ijjumaa hin ganne! Aninuu nama Israa'elii ti; sanyii Abrahaamii keessaa gosa Beniyaamii ti.
ROM 11:2 Waaqi kolbaa dursee fooyate hin ganne. Marroo Eliyaasii, ka Israa'eliin mormee Waaqa itti daadimatee, waan Barreeffam Woyyichi jedhu, isin hin beettanuu?
ROM 11:3 Inni, «Gootta'a! Isaan raagota teeti ijjeesaneeran, addee ciinca'aa keeti diiganeeran; na qofatti hafe; lubbuu tiyyalle barbaadiisatti jiran» jedha.
ROM 11:4 Deebiin Waaqi isaaf kenne ta maan jettu? «Ani namoota waaqa dharaa ka Ba'aali jedhamuuf hin jilbiiffanne kuma torba ifiif hamburadheera» ta jettu.
ROM 11:5 Bara ammaa kanalle akkasuma baraareen Waaqi badhaadha ifiitiin fooyate hin jirti.
ROM 11:6 Fooyati isaa waan isaan hujaneeranu irratti adoo hin te'in, badhaadha isaa irratti hundaya. Yoo fooyati Waaqaa waan kolbaan hujju irratti hundaye, badhaadhi isaa badhaadha dhuga'aa te'uu hin dande'u.
ROM 11:7 Maan te'inna ree? Kolbaan Israa'elii waan barbaaddu hin dhagganne. Worri dhaggatane worra diqqaa Waaqi fooyate qofaayyu; worri kuun waamicha Waaqaatiif gurra duudane.
ROM 11:8 Tunille tama Barreeffam Woyyichi, «Waaqi qalbi'ii fi gadhaa isaanii dilleesse; haga adhaalle ilaan hin dhagganu; gurralle'een hin dhage'anu» jedhu.
ROM 11:9 Daawitille, «Qoriin isaanii tiyyoo qadduu fi gufuu itti teetee isaan farrisiittu.
ROM 11:10 Akka hin dhaggine ilti isaanii dukkanoottu; goorri isaaniille yennaa mara rakko'oon gad gogu» jedhu.
ROM 11:11 Ammalle ani hin gaafadha: Yihudooti yennaa gufatane, akka jiganee hafanuuf ree? Ijjumaa waawwo'o; sababa Yihudooti Seera cassaneef worri Yihudoota hin te'in fayyinna dhaggate; worra Yihudoota hin te'in irratti akka Yihudooti hinaafanuuf tun teete.
ROM 11:12 Seera cassiisi Yihudootaa biyya lafaatiif eebba guddaa yoo te'e, jinnanni isaaniille worra Yihudoota hin te'iniif durummaa yoo te'e, adoo Yihudooti fayyanee fa'a eebba caalu attamiititti te'a ree!
ROM 11:13 Ani amma isin worra Yihudoota hin te'initti dubbadha: ani ergamaa worra Yihudoota hin te'inii akkuma te'etti, hujii tiyyatti hin boona.
ROM 11:14 Gosa tiyya hinaassisee, isii keessaa gariin akka fayyitu godhiisaaf tana godha.
ROM 11:15 Yennaa Waaqi isaan gate, eega kolbaan biyya lafaa ta dhibiin Waaqa woliin araarante, yennaa Waaqi isaan fudhatu maanti te'inna laati? Tun qixxee du'aa ka'iisaa ti!
ROM 11:16 Bukoo takkaa irraa diqqoon isi'ii mataa godhantee, Waaqaaf kennante yoo woyyoonte, bukoon duudiinuu woyyuu teeti; akkasuma hiddi muka tokkoolle Waaqaaf kennamee yoo woyyoome, dameeleelle woyyuu hin teeti.
ROM 11:17 Dameeleen ejersa ficha'atti dhaabamee yoo caccadde, dameelee ejersa badda'aa itti qabachiisan. Isin worri Yihudoota hin te'in akka ejersa bada'aa san, eebba isaanii worra qoodamu yoo teetane,
ROM 11:18 Yihudoota akka dameele'ee caccabane san irratti hin koorina'a. Yoo koortane ammoo isin dameelee qofa waan teetaneef, hiddi isin ba'ata malee, isin hidda ba'atuu akka hin dandeenne qaabadha'a.
ROM 11:19 Ati ammoo, «Akka ani addee isi'ii bu'ee itti qabadhuuf dameeleen sun caccadde» hin jetta fa'a.
ROM 11:20 Sun dhuga'a. Isaan waan dhugeeffatiisa dhabaneef caccabane, ati ammoo waan dhugeeffatteef jabaattee dhaabbatte. Maarre sodaadha'a malee, hin koorina'a.
ROM 11:21 Waaqi Yihudoota dameelee dadante te'ane yoo adde'etti hin lakkisin, adde'etti si lakkisa jettee yaadattaa?
ROM 11:22 Asitti Waaqi attam akka gadhaa laafuu fi attam akka gadhaa jabaatu dhaggina. Inni worra jiganetti gadhaa jabaata, ati gadhi laafummaa isaatiin ka jabaattee jiraattu yoo teete si'iif ammoo gadhaa laafa. Ammoo ati yoo gadhi laafummaa isaatiin jabaattee hin jiraatin, atille irraa hin caccadda.
ROM 11:23 Yihudootille yoo dhugeeffatiisa dhaba isaanii lakkisane, isaan addee dur jiranutti hin deebi'an; sababille Waaqi san godhiisaaf dande'a.
ROM 11:24 Isin worri Yihudoota hin te'in, ka dameelee ejersa badda'aa ta caccadde teetane, ejersaa ficha'atti dhabametti qassiifamuu yoo dandeettane, Yihudooti dadamaan dameelee ejersa ficha'a te'ane, addee ifii duriititti deebi'ane attam qassiifamuu dadhaban ree!
ROM 11:25 Obboleeyyan tiyya! Dhugaan dhossa'aa ta akka isin beettanuuf ani barbaadu takkatti jira; isiin, nuuti qaroole'e jettanee yaadiisa irraa isin eeddi. Mataa jabeenni kolbaa Israa'elii akkanumatti hin turu; ammoo worri Yihudoota hin te'in mara gara Waaqaa haga dhufanu qofa tura.
ROM 11:26 Maarre kolbaan Israa'elii marti hin fayyiti. Barreeffam Woyyichi, «Fayyisaan Xiyoon irraa hin dhufa, hammeenna sanyii Yaaqoobii irraa hin balleessa.
ROM 11:27 Ani yennaa cubbuu isaanii isaan irraa fuudhu, gondooroo tana isaan woliin gondooradha» jedha.
ROM 11:28 Yihudooti Oduu Gammadaa waan hin fudhatiniif, bu'aa teessaniif jedhanee diinota Waaqaa te'aneeran. Karaa filanno'ootiin ammoo, sababa abbootii isaaniitiif jaalota Waaqaa ti.
ROM 11:29 Kennansaa fi waamichi Waaqaa hin jijjiiramu.
ROM 11:30 Isin worri Yihudoota hin te'in kanaan dura worra Waaqaaf hin ajajanne; amma ammoo worri Yihudootaa waan ajajamuu didaneef isin marartii Waaqaa dhaggattane.
ROM 11:31 Akkuma isin marartii dhaggattane, isaaniille marartii dhaggatiisaaf, amma ka Waaqaaf hin ajajanne te'aneeran.
ROM 11:32 Waaqi nama maraaf marartii mudhisiisaaf jedhee, ajajamuu diduu jalatti kolbaan mara ta hidhante akka teetu godhe.
ROM 11:33 Durummaan Waaqaa attam attam guddo'o! Beekkumaa fi qarummaan isaa attam attam gad fagaatti! Muraa isaa qorqoriisa eentu dande'a? Karaa isaa eentu hubatiisa dande'a?
ROM 11:34 Barreeffam Woyyichi, «Yaada Gootta'aa eentu beeka? Yookiin eentu gorsa isaaf kennu'uu dande'a ree?
ROM 11:35 Yookiin akka inni deebisee isaaf kennuuf, eentu kennansa Waaqaaf kenneera ree?» jedha.
ROM 11:36 Sababille wonni maraa isaan dadamee, karaa isaatii fi isaaf jiraata. Ulfinni haga bara baraa isaaf te'u! Ameen!
ROM 12:1 Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata'aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin isii tana.
ROM 12:2 Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a.
ROM 12:3 Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha'a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima.
ROM 12:4 Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba.
ROM 12:5 Maarre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.
ROM 12:6 Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te'e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti;
ROM 12:7 kennansi keenna worra dhibii tajaajiluu yoo te'e, jabaannee tajaajilluu ti; kennansi keenna barsiisiisa yoo te'e, akka maltetti barsiinnuu ti;
ROM 12:8 kennansi keenna gorsiisa yoo te'e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te'e, gadha'aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te'e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te'e, gammadaan mararruu ti;
ROM 12:9 Jaalalli keessan dhugaamessa te'uu ti. Waan hantuu jibba'a; waan dansaa jabeessa'aa qabadha'a;
ROM 12:10 Akka obboleeyyanii o'isa'aatii wol jaaladha'a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma'a.
ROM 12:11 Jabaadha'aa huja'a malee, gadhee hin te'ina'a. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila'a.
ROM 12:12 Addii qaddanuun gammada'a; rakkinna ossadha'a; yennaa mara daadimadha'a.
ROM 12:13 Kolbaan Waaqaa wo dhaddee yennaa rakkatu waan qaddanu isaan woliin qoodama'a; keessummoota fudhadha'a.
ROM 12:14 Worra isin miidhu eebbisa'a; eebbisa'a malee hin abaarina'a.
ROM 12:15 Worra gammadu woliin gammada'a; worra bowu woliin bowa'a.
ROM 12:16 Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a.
ROM 12:17 Fuula nama maraa duratti waan dansaa godha'a malee, yennaa namooti hantuu isin irratti hujanu, isinille deebittanee hantuu itti hin hujina'a.
ROM 12:18 Yoo dande'ame nama maraa woliin nageyaan le'iisaaf, gama keessaniin waan dande'amu mara godha'a.
ROM 12:19 Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuutii malee, isin ijjumaa haluu hin bayina'a. Barreeffam Woyyichi, «Ka haluu bawuu fi ka gatii halu'uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi» jedha.
ROM 12:20 Addee haluu baatu, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Diinni keeti yoo beelote, nyaachis, yoo dheebote obaas; Yoo akkas goote qaani'iin akka gubatu goota» jedhu tolchi.
ROM 12:21 Hantuu dansa'aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin.
ROM 13:1 Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatiin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame.
ROM 13:2 Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida.
ROM 13:3 Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta.
ROM 13:4 Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si'iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma shallaagaa hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu.
ROM 13:5 Tanaaf nami adabbii Waaqaa qofaaf adoo hin te'in, sababa wodana'aatiif jedhee worra baallii qabuuf ajajamuu qaba.
ROM 13:6 Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira.
ROM 13:7 Waan isaan isin irraa dhaggachu'uuf malane, kenna'aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna'a.
ROM 13:8 Beenyaa eennuulle hin qabaatina'a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te'uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera.
ROM 13:9 Ajajooti, «Hin gaarayyeeffatin; hin ijjeesin; hin hatin; hin kajeelin» jedhanuu fi ka dhibiin martinuu, ajaja, «Akka ifi jaalattu nama jaaladhu» jedhuun wolitti qabameera.
ROM 13:10 Nami nama jaalatu, waan hantuu isa irratti ijjumaa hin godhu; tanaaf, nama jaalachuun Seera guutu'u.
ROM 13:11 Yennaan isin hirriibaa dammaxxanu akka geetteertu waan beettanuuf, tana godhuu qaddan. Sababille yennaa itti dhugeeffanne caalaa guyyaan itti fayyinu amma gara keenna dhikaateera.
ROM 13:12 Halkan dabariisa geyeera; guyyaalle dhikaateera. Tanaaf kowa'a hujii dukkanaa lakkinnee, meya woraanaa ka ifaa uffanna.
ROM 13:13 Akka kolbaa ifa guyya'aa keessa leetuutitti, amala keenna miidhaffannuu ti malee, quufanee ficiqqisu'uun yookiin machi'iin, sagaagalaan yookiin fariisa'aan, lolaan yookiin hinaaffa'aan hin te'in.
ROM 13:14 Goottaa Yesuus Kiristoos akka woya'aa uffadha'a malee, halchaa foonii guutatiisaaf hin yaadatina'a.
ROM 14:1 Nama dhugeeffanna'aan dadhabeeru ifitti qabadha'a malee, yaada isaa irratti isa woliin hin mormina'a.
ROM 14:2 Nami gariin dhugeeffannaa waan mara nyaachittu qaba; nami dhugeeffanna'aan dadhaba'aa ammoo waan ficha'atti dhaabamu qofa nyaata.
ROM 14:3 Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha'atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera.
ROM 14:4 Ati ka tajaajilaa nama dhibi'ii irratti murtu eennu? Inni yoo dhaabbate, yookiin yoo jige ka murteessu Goottaa isaa ti. Waan Goottaan isa dhaabbachiisuu dande'uuf, inni hin dhaabbata.
ROM 14:5 Nami tokko guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaada; kuun guyyooti martinuu wol qixxe'e jedhee yaada. Waan akkasii irratti namuu waan qalbiin isaa fudhatte godhuu ti.
ROM 14:6 Nami guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaadu ulfinna Gootta'aatiif jedhee tana godha. Nami waan mara nyaatulle, sababa sagale'eetiif waan Waaqa galateeffatuuf, ulfinna Gootta'aatiif nyaata. Ka waan tokko tokko nyaatiisa didu, ulfinna Waaqaatiif dida. Innille Waaqa galateeffata.
ROM 14:7 Nuuti ifiif hin jiraannu; ifiifille hin duunu.
ROM 14:8 Yoo jiraanne, Gootta'aaf jiraanna; yoo duunelle, Gootta'aaf duuna; tanaaf, duunulle yookiin jiraannulle, nuuti ka Gootta'aa ti.
ROM 14:9 Tanaaf Kiristoos Goottaa worra du'eetii fi worra jiruu te'iisaaf, du'ee deebi'ee ka'e.
ROM 14:10 Ati maaf obboleessa keetitti murta ree? Maaf obboleessa keeti tuffatta ree? Nuuti martinuu barcumaa muraa Waaqaa dura hin dhaabbanna.
ROM 14:11 Sababille Barreeffam Woyyichi, «‹Dhugumaan Ani Waaqa jiraata'a! Nami marti na duratti hin jilbiiffata; arrabi martinuu akka ani Waaqa te'e dhugaa baasee hin dubbata› jedha Goottaan» jedha.
ROM 14:12 Maarre tokko tokkoon keenna waan gooneef Waaqaaf deebii hin kennina.
ROM 14:13 Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu'utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha'a.
ROM 14:14 Ani karaa Goottaa Yesuusiitiin te'ee sagaleen takkaalle ifii isi'iitiin battii akka hin te'in beekeera; ati ammoo sagaleen gariin akka battitti'iititti yoo dhugeeffatte, isiin battii si'iif teeti.
ROM 14:15 Waan nyaattuun obboleessa keeti ka miitu yoo teete, ati nama jaalalaan le'uu moti. Sagaleen ati nyaattu nama Kiristoos du'eef sababa badi'ii akka teetu hin godhin.
ROM 14:16 Waan isin akka waan dansa'aatitti herreddanu maqaan badaan itti hin kennamin.
ROM 14:17 Mootummaan Waaqaa mootummaa balchumma'aa, nageyaatii fi gammada Ayyaanni Woyyichi kennuu ti malee, mootummaa nyaataatii fi uniisaatii moti.
ROM 14:18 Nami akka kanaan Kiristoos tajaajilu, Waaqa gammachiisa, namoota biralle'etti fudhatama dhaggata.
ROM 14:19 Maarre kowa'a waan nageya buusuu fi tokkummaa ijaaru hordofanna.
ROM 14:20 Sagale'eef jettee, hujii Waaqaa hin diigin. Sagaleen martinuu hin nyaatanti, ammoo waan ati nyaatuun worri dhibiin gufachuun dokonkora.
ROM 14:21 Foon nyaatuu yookiin daadhii woyni'ii unuu yookiin waan obboleessa keeti gufachiisu hujiisa dhabuun dansa'a.
ROM 14:22 Marroo waan kanaa dhugeeffannaa qaddu, ifii fi Waaqa oddu'utti eegadhu. Nami waan wonni kun sirri'i jedhee itti dhugeessu yennaa godhu wodanaan isaa isa hin komanne ka badhaadhe.
ROM 14:23 Ammoo yoo isaan marroo waan nyaatanuu mama qabaatane, hujiin isaanii dhugeeffanna'aan waan hin te'iniif, yennaa nyaatane Waaqi isaanitti mura. Wonni dhugeeffanna'aan hin te'in maraa cubbu'u.
ROM 15:1 Nuuti worri dhugeeffanna'aan jajjaba teene, ba'aa worra dadhaboole'ee ba'atuu qanna malee, ifi gammachiisuu hin qannu.
ROM 15:2 Tokko tokkoon keenna akka nami dhibiin dhugeeffannaa ifiitiin jabaatu, dansaa isaatiif isa gammachiisuu qanna.
ROM 15:3 Kiristoos ifi hin gammachiinne; ammoo, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Arraba ittiin si arrassanetti na dhaqqabe» jedhutti isa irratti muummowe.
ROM 15:4 Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu'uuf barreeffante.
ROM 15:5 Waaqi, ossaa fi jajjabeenna namaaf kennu, yaada tokko qabaattanee, fakkeenna Yesuus Kiristoosii hordottanee, addee tokko qoonqoo takka'aan, Waaqa Abbaa Yesuus Kiristoosii akka leellifattanu isin dandeessisu.
ROM 15:7 Akkuma Kiristoos isin fudhate, isinille ulfinna Waaqaatiif wol fudhadha'a.
ROM 15:8 Waadaan Waaqi abbootii isaaniitii gale akka muummowuu fi Waaqi addatamaa akka te'e mudhisiisaaf, Kiristoos tajaajilaa Yihudootaa akka te'e, ani isinitti hima.
ROM 15:9 Akkasuma worri Yihudoota hin te'inille marartii isaatiif, Waaqa akka leellisuuf tajaajilaa isaanii te'e; kunille kama Barreeffam Woyyichi, «Tanaaf ani worra Yihudoota hin te'in oddu'utti si hin leellisa; maqaa keetiifille faaruu hin faarfadha» jedhu.
ROM 15:10 Ammalle Barreeffam Woyyichi, «Isin worri worra Yihudootaa hin te'in, kolbaa isaa woliin gammada'a» jedha.
ROM 15:11 Ammalle, «Worri Yihudoota hin te'in marti, Goottaa galateeffadha'a; kolbaan marti, isa galateeffadha'a!» jedha.
ROM 15:12 Akkasuma Isaayaasille, «Ka sanyii Iseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihudoota hin te'in bulchiisaaf hin ka'a; isaanille isa hin addatan» jedha.
ROM 15:13 Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.
ROM 15:14 Obboleeyyan tiyya! Dansa'aan akka guutantaneertanu, beekkumsa maraayyuu akka qaddanuu fi wol barsiisuu akka dandeettanu, mama tokko malee aninuu hubadheera.
ROM 15:15 Badhaadhi Waaqaa waan naaf kenneef, marroo waan tokko tokkoo isin yaadachiisu'uuf sodaa malee isinii barreesseera.
ROM 15:16 Badhaadhi kunille, akka ani Oduu Gammadaa, ta Waaqaa, worra Yihudoota hin te'iniif lallabiisaan akka hayyichaa te'ee, Yesuus Kiristoos tajaajiluuf naa kenname. Tanaaf worri Yihudoota hin te'in ka Ayyaana Woyyichaan woyyoomee fi kennaa Waaqa gammachiisu te'ee akka dhikaatu tajaajila.
ROM 15:17 Karaa Kiristoos Yesuusiitiin Waaqa tajaajiliisa kiyyaan ani hin boona.
ROM 15:18 Worri Yihudoota hin te'in dubbi'ii fi hujii tiyyaan akka Waaqaaf ajajamanu, waan Kiristoos karaa kiyyaan godhe qofa malee waan tokkolle dubbatiisaaf ani ila hin jabaadhu.
ROM 15:19 Akkasuma hunna bilbaasotaatii fi baasotaatiin, hunna Ayyaana Waaqaatille'een, Yerusaalemii jalqabee haga Iliiriqumiititti, Oduu Gammadaa ta Kiristoosii guutuma guutu'utti lallabeera.
ROM 15:20 Halchaan tiyya ta yennaa maraa hundee nami dhibiin buuse irratti ijaaruu adoo hin te'in, addee Kiristoos hin dhage'amin maratti Oduu Gammadaa lallabiisa.
ROM 15:21 Ammoo, tun tama, «Worri marroo isaa isaanitti hin himamin hin dhaggan; worri hin dhage'in hin hubatan» jedhantee barreeffante.
ROM 15:22 Sababa kanaaf ani yennaa hedduu isin bira dhufiisa dhooggame.
ROM 15:23 Amma ammoo adaala kana keessaa hujii tiyya waan fixadheeruu fi dhufee isin ilaaliisaafille woggaa hedduu dharra'aa waan tureeruuf,
ROM 15:24 yennaa gara Isphaaniyaa dhaqu goree isin ilaaliisaaf karoorfadheera. Yennaa diqqoo isin dhaggiisaan gammadeen duuba, akka ani ittiin achi dhaquuf qarqaarsa akka naa gootanu hin addadha.
ROM 15:25 Ammaa tana ammoo, kolbaa Waaqaa ta achi jirtu tajaajiliisaaf ani gara Yerusaalemii deemiisatti jira.
ROM 15:26 Wolde'i kiristaanaa ka Maqedooniya'aatii fi Akaayya'aa, hiyyeeyyii Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa odduu jirtuuf, qarqaarsa kenniisaaf murteeffataneeran.
ROM 15:27 Murteen tama isaanii ti; ammoo dhuguma isaan, isaan qarqaaruu qaban; eega Yihudooti eebba Ayyaana Waaqaa irraa dhaggatane worra Yihudoota hin te'in woliin qoodamane, worri Yihudoota hin te'inille eebba jiruu fooniitiin dhaggataneen Yihudoota qarqaaruu qaban.
ROM 15:28 Maarre, ani yennaa hujii tana fixe, beesee isaaniif wolitti qabante maraayyuu isaanii kenneen duuba, Isphaaniyaa dhaqaara; yennaa achi dhaqu goree isin ilaala.
ROM 15:29 Yennaa gara keessan dhufu, eebbaa Kiristoosii guutumaa guutu'utti fidee akka dhufu ani hin beeka.
ROM 15:30 Obboleeyyan tiyya! Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiin, jaalala Ayyaanni Woyyichi nuu kennelle'een, na woliin itti cittanee akka naaf daadimattanu isin magannifadha.
ROM 15:31 Akka ani miidhaa worra hin dhugeeffannee, ka Yihudaa keessaa irraa fayyuu fi tajaajilli kiyya Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa ta achiitiif fudhatamaa akka te'u daadimadha'a.
ROM 15:32 Maarre anille fedhii Waaqaa yoo teete, gammadaan gara keessan dhufee, isin dhaggee isin woliin hin haareffama.
ROM 15:33 Waaqi, maddi nageya keennaa, isin mara woliin jiraatu. Ameen.
ROM 16:1 Obboleettii teenna Feebeen, ta wolde'a kiristaanaa ka Kanchire'aa keessa tajaajiltu, nama dansaa akka teete akka beettanu barbaada.
ROM 16:2 Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta'aatiin isii fudhadha'a! Isiin kolbaa heddu'uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi'iif kenna'a.
ROM 16:3 Worra hujii Kiristoos Yesuusii na woliin huje, Phirisqiila'aa fi Aqiila'atti nageya naaf hima'a.
ROM 16:4 Isaan jireenna isaanii naaf kennaneeran. Ani isaan galateeffadha; na calla'aa motii wolde'i kiristaanaa ka worra Yihudoota hin te'inille martinuu isaan galateeffatan.
ROM 16:5 Wolde'a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle'etti nageya naaf hima'a. Jaala kiyya jaalatamaa, biyya Asiya'aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya naaf hima'a.
ROM 16:6 Maariyaamii isiniif jabeennaan hujjetti, nageya naa hima'a.
ROM 16:7 Yihudoota na woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya naaf hima'a; isaan ergantoota oddu'utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te'eeru.
ROM 16:8 Jaala kiyya jaalatamaa Gootta'aan jaaladhu, Aphiliiyaaxositti nageya naaf hima'a.
ROM 16:9 Jaala kiyya jaalatamaa Isxaakisii fi Urbaanosii karaa Kiristoosiitiin nu woliin hujutti nageya naaf hima'a.
ROM 16:10 Aphelesii Kiristoositti dhugeeffatiis isaa mirkaneeffametti nageya naaf hima'a. Worra maatii Arisxobulosii te'elle'etti nageya naaf hima'a.
ROM 16:11 Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te'etti nageya naaf hima'a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te'etti nageya naaf hima'a.
ROM 16:12 Worra tajaajila hujii Gootta'aa huju, Tiriifeenee fi Tiriiphaase'etti nageya naaf hima'a. Hujii Gootta'aa guddoo ta hujje, jaalatantuu jaala tiyya Pharsiisille'etti nageya naaf hima'a.
ROM 16:13 Ruufoosii hujii Gootta'aatii filamee fi haadha isaa, ta yennaa mara akka ilmaatitti ana ilaaltetti nageya naaf hima'a.
ROM 16:14 Asinkiriixositti, Filegoonitti, Hermeesitti, Phaaxrobaasitti, Hermaasii fi kiristaanota dhibii isaan woliin jiranu maratti nageya naaf hima'a.
ROM 16:15 Filogosii fi Yuliya'atti, Neryoosii fi obboleettii isaatitti, Olimphaasii fi kolbaa Waaqaa worra isaan woliin jiranu maratti nageya naaf hima'a.
ROM 16:16 Sunqaa obbolumma'aatiin nageya wol fuudha'a. Wolde'ooti Kiristoosii marti nageya isinii dhaaman.
ROM 16:17 Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba'aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqoodamiisaa te'u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha'a!
ROM 16:18 Worri waan akkasii godhu kun halchaa nyaata ifiitiif malee, Kiristoosii Goottaa keennaaf hin hujanu. Dubbii ifii damma dibiisaa fi sossobiisaan kolbaa gadhaa babadhattu gowwoonfatan.
ROM 16:19 Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage'eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa'aatiif qaroo, marroo waan hantu'uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada.
ROM 16:20 Maddi nageya keennaa, Waaqille, dafee Seexana miila keessan jalatti hin butucha. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
ROM 16:21 Ana woliin ka huju, Ximootewoos akkasuma Yihudooti akka kiyyaa Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nageya isiniif dhaaman.
ROM 16:22 Ani Xirxiwoosiin Phawuloos himaaruun xalayaa kana barreesse, Gootta'aan te'ee nageya isiniif dhaama.
ROM 16:23 Keessummeessaan kiyya Gaayos, ka mana isaa keessatti wolde'i kiristaana wolitti qabamu, nageya isiniif dhaama. Qabataan beesee qacha'aa, Eraasxoos fi obboleessi keenna Ku'arxoos, nageya isiniif dhaaman.
ROM 16:24 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.
ROM 16:25 Ulfinna Waaqaaf kenninuu ti! Akka Wongeela ani marroo Yesuus Kiristoosii lallabeetitti, akka mudhachuu dhossaa dhugittii bara duriitii jalqaddee hin mudhatin turtelle'etti, inni dhugeeffanna teessaniin akka isin jabaattanee dhaabbattanu godhuu dande'a.
ROM 16:26 Te'uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera.
ROM 16:27 Karaa Yesuus Kiristoosiitiin, Waaqa qofuu qarichaaf, bara baraan ulfinni te'u.
1CO 1:1 Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii akka te'uuf waamamee fi obboleessa keenna Sostenees irraa:
1CO 1:2 Wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa ka qachaa Qorontoosii keessa jiruuf, worra Yesuus Kiristoosiin woyyoontanee fi ka isaa te'iisaaf waamantane, akkasuma isaanii fi nu'uuf Goottaa ka te'e, worra maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii addee gara garaatitti waammattanu maraaf:
1CO 1:3 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.
1CO 1:4 Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateeffadha.
1CO 1:5 Isin Kiristoosiin waan maraan waan dubbattanuu fi beekkumsaan duroontaneertan.
1CO 1:6 Wonni nuuti marroo Kiristoosiitiif dhugaa baane, isin biratti hidda horattee jabaatteerti.
1CO 1:7 Tanaaf mudhatiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii adoo eeggattanuu, Kennansi Ayyaanaa tokkolle isin irraa hin dhidhanne.
1CO 1:8 Haga guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiititti worra komii hin qanne teetanee akka jiraattanu, inni jabaattanee akka jiraattanu isin tolcha.
1CO 1:9 Ilma isaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoos woliin, tokkummaa akka qabaattanu ka isin waame Waaqi addatama'a.
1CO 1:10 Obboleeyyan tiyya, gargar bayiisi odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka'aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa.
1CO 1:11 Obboleeyyan tiyya, wol dhabi odduu teessanitti akka jiru, maatiin Kilo'ee natti himaneeran.
1CO 1:12 Kunille isin tokkoon tokkoon keessan, «Ani ka Phawuloosii ti»; ka dhibiin, «Ani ka Apholoosii ti»; kuun, «Ani ka Pheexroosii ti»; ka biraa, «Ani ka Kiristoosii ti» jettan.
1CO 1:13 Kiristoos gargar qoodameeraa ree? Fannoo irratti isiniif ka du'e Phawuloosii? Yookiin isin maqaa Phawuloosiitiin cuuphantanee?
1CO 1:14 Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha.
1CO 1:15 Tanaaf nami tokkolle, «Maqaa Phawuloosiitiin cuuphantaneertan» jedhiisa hin dande'u.
1CO 1:16 Ee, ani Isxifaanosii fi maatii isaalle cuupheera; kana malee nama dhibii ka cuupheeru hin qaabadhu.
1CO 1:17 Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf na hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammadaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti.
1CO 1:18 Ergaan fannifamuu Kiristoosii worra baduuf gowwumma'a; nu worra fayyuuf ammoo hunna Waaqaa ti.
1CO 1:19 Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ani qarummaa worra qaroole'ee hin balleessa; beekkumsa beekkole'eelle gatii hin dhoogga» jedha.
1CO 1:20 Maarre qaroon meet? Beekaan guddaan hore eessa jira? Ka waan lafa tanaa qorqoru hore meet? Waaqi qarummaa lafa tanaa gowwummaa tolchee hin jiruu?
1CO 1:21 Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beenne waan godheef, barsiisa akka gowwumma'aatitti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffatu fayyisiisaaf fedhii Waaqaa te'eera.
1CO 1:22 Yihudooti bilbaasa dhagguu fedhan, Giriikootille qarummaa barbaadan.
1CO 1:23 Nuuti ammoo Kiristoosii fannifame lallanna. Kun Yihudootaaf gufu'uu, worra Yihudoota hin te'iniifille gowwumma'a.
1CO 1:24 Ammoo worra Waaqi waame, worra Yihudootaatii fi worra Giriikootaatiif Kiristoos hunna Waaqaatii fi qarummaa Waaqaa ti.
1CO 1:25 Wonni gowwummaa Waaqaa fakkaattu qarummaa namaa hin caalti; wonni dadhabbii Waaqaa fakkaattulle hunna nama hin caalti.
1CO 1:26 Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha'a. Akka yaada namaatitti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda'aa moti.
1CO 1:27 Waaqi ammoo qaroolee qaanessu'uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole'ee laakkowamanu fowate; worra jajjaba qaanessu'uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole'ee laakkowamanu fowate.
1CO 1:28 Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa'a jedhamee ilaallamu akka hin jirre godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittuu hin laakkowanne fowate.
1CO 1:29 Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe.
1CO 1:30 Isin ammoo Waaqi akka Kiristoos woliin tokkummaa qabaattanu godhe. Tanaaf Waaqi, akka Yesuus Kiristoos qarummaa teenna, balchummaa teenna, woyyumma'aa fi wodoo keenna te'u godhe.
1CO 1:31 Maarre Barreeffam Woyyichi, «Ka ifi jaju Gootta'aan ifi jajuu ti» jedha.
1CO 2:1 Obboleeyyan tiyya, ani yennaa gara keessan dhufe jechoota gugurda'aa fi qarumma'aan dhossaa Waaqaa isinitti hin lallanne.
1CO 2:2 Ani haga isin bira ture Yesuus Kiristoosii fannoo irratti fannifame malee, waan dhibii waan tokkolle beekuu dhabiisaaf murteeffadheera.
1CO 2:3 Ani dadhabaa te'ee, soda'aan akka malee rorommaa gara keessan dhufe.
1CO 2:4 Haasonni kiyyaa fi lallabi kiyya ayyaanaa fi hunna Waaqaa mudhisiisaan malee, jechoota qarummaa namaatiinii moti.
1CO 2:5 Dhugeeffannaan teessan qarummaa namaa irratti adoo hin te'in hunna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe.
1CO 2:6 Teetuu malee worra ayyaanaan bilchaateef jecha qarumma'aatiin barsiinna. Qarummaan tun ammoo ta biyya lafaa yookiin muummee irratti ta badu qarummaa bulchitoota lafa tanaatii moti.
1CO 2:7 Nuuti ammoo biyyi lafaa adoo hin dadamin duratti ulfinna keennaaf qarummaa Waaqi qopheessee fi dhossaa isi'ii ta dhokattee turte dubbanna.
1CO 2:8 Bulchitoota biyya lafa tana keessaa qarummaa tana ka beeke tokkolle hin jiru. Adoo beekanee jiraatane, Goottaa ulfinnaa hin fannisanuuyyu.
1CO 2:9 Teetuu malee Barreeffam Woyyichi, «Waan ilti namaa hin dhaggin, Waan gurri namaa hin dhage'in, Waan gadhaan namaa hin yaadatin Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesseera» jedha.
1CO 2:10 Waaqi ammoo karaa ayyaana ifiitiin dhossaa ifii nutti mudhiseera. Ayyaanni Waaqaa waan duudii, dhossaa Waaqaa ta gadi fago'ootuu hin qorqora.
1CO 2:11 Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru.
1CO 2:12 Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.
1CO 2:13 Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole'eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti.
1CO 2:14 Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkaattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te'eef hubatiisaaf hin dande'u.
1CO 2:15 Nami Ayyaana Waaqa qabu waan duudii qorqora; inni ammoo ifiif eennulle'een hin qorqoramu.
1CO 2:16 Barreeffam Woyyichi, «Yaada Gootta'aa ka beeku eennu? Ka gorsa isaa kennu eennu?» jedha. Nuuti ammoo, qalbii Kiristoosii qanna.
1CO 3:1 Obboleeyyan tiyya, ani yennaa isin barsiise akka worra yaada foonii gula deemuutii fi Kiristoosiin daa'immaaniititti malee, akka ayyaantole'eetittii moti.
1CO 3:2 Isin sagalee jadduu nyaatiisa waan hin geyiniif, aanan isin areere malee sagalee jajjadduu moti. Ammaan tanalle sagalee jajjadduu nyaatiisa hin geenne.
1CO 3:3 Isin haga ammaa akka worra biyya lafaa worra fedhii foonii gula deemu; isin waan wol hinaattanuu fi wol mormitanuuf, worra fedhii foonii gula deemuu motii ree? Akka yaada namaatitti leetanii motii ree?
1CO 3:4 Isin keessaa tokko, «Ani ka Phawuloosii ti;» ka dhibiille, «Ani ka Apholoosii ti» yennaa jedhu, isin akka worra biyya lafaa te'uu keessanii motii ree?
1CO 3:5 Inni Apholoos eennu? Phawuloosille eennu? Nuuti akka Goottaan hujii ifii nutti kennetti, tajaajiltoota akka isin dhugeeffattanu goone.
1CO 3:6 Ani midhaan dhaabe, Apholoos bisaan obaase, ka guddise ammoo Waaqa.
1CO 3:7 Tanaaf Waaqa isa guddise malee, ka dhaabe yookiin ka bisaan obaase womaayyuu moti.
1CO 3:8 Ka dhaabee fi ka bisaan obaase wol qixa. Namuu akkuma hujii ifiititti gatii ifii fudhata.
1CO 3:9 Nuuti tajaajiltoota wolqabannee Waaqaaf hujaarru; isin ficha'aa fi ijaarsa Waaqaa ti.
1CO 3:10 Akka badhaadha Waaqi naa kennetti akka nama qaricha mana ijaaru tokkoo ani hundee hundeesse; ka dhibiin hundee ani hundeesse irratti ijaara. Ammoo nami tokko tokkooyyuu achi irratti attam akka ijaaru ifi eegatu qaba.
1CO 3:11 Hundee yennaa tokko hundootte malee, eennulle hundee dhibii hundeessiisa hin dande'u. Hundeen tunille Yesuus Kiristoos.
1CO 3:12 Nami hundee tana irratti worqi'iin, meeti'iin, dhakaa gatii guddo'ootiin, mukaan, buuyyo'oon yookiin huuraan ka ijaaru yoo jiraate,
1CO 3:13 guyyaan mura'aa ka hujiin nama tokko tokkootuu ifatti baatu hin dhufa; guyyaa san hujiin nama tokko tokkootuu ta attamii akka teete ibiddaan haga ilaalantee mudhatti.
1CO 3:14 Hujiin namichi mana ijaaru hundee san irratti huje, ibiddaan haga ilaallatantee adoo hin gubatin yoo hatte inni gatii ifii hin fudhata.
1CO 3:15 Namichi mana ijaaru ka hujiin isaa gubattee baddu ammoo gatii ifii hin dhaba; teetuu malee inni ifiif akka nama ibidda keessa taree hin gubatin hafuu hin fayya.
1CO 3:16 Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu?
1CO 3:17 Nami galma Waaqaa yoo diige, Waaqi isa hin diiga. Sababille galmi Waaqaa woyyicha, galmi kunille isinuma.
1CO 3:18 Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te'iisaaf akka gowwa'aa ifi laakkowuu ti.
1CO 3:19 Qarummaan biyya lafa tanaa fuula Waaqaa duratti gowwumma'a. Kunille Barreeffam Woyyichi, «Waaqi qaroolee qarummaa isaaniitiinuu isaan qaba» jedha;
1CO 3:20 Barreeffam Woyyichi dhibiille, «Goottaan yaadi worra qaroolee ka woy hin baane akka te'e hin beeka» jedha.
1CO 3:21 Tanaaf wonni marti teessan waan teeteef eennulle namaan ifi hin jajin.
1CO 3:22 Maarre Phawuloosille teenaan, Apholoosille teenaan, Pheexroosille teenaan, biyya lafaalle teenaan, jireennalle teenaan, du'alle teenaan, waan ammaalle teenaan, waan hegeriille teenaan wonni duudiin keessan.
1CO 3:23 Isin ammoo ka Kiristoosii ti; Kiristoosille ka Waaqaa ti.
1CO 4:1 Namooti akka tajaajiltoota Kiristoosiititti worra dhossaa Waaqaa mudhisiisaaf itti gaafatamummaan itti kennante akka teenetti nu laakkowuu qaban.
1CO 4:2 Itti gaafatantooti goottaa isaaniitiif addatamuu qaban.
1CO 4:3 Isin yookiin nami dhibiin akka ulaagaa namaatitti yoo natti mure naaf womaa moti; aninuu ifi irratti muriisa hin dande'u.
1CO 4:4 Wodanaa kiyyaan waan ifi komadhu hin qabu, wonni kun ammoo dhugumaan akka ani qulluu te'e hin mirkaneessitu. Ka na irratti muru Gootta'a.
1CO 4:5 Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle'etti hin murina'a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata.
1CO 4:6 Obboleeyyan tiyya, isiniif jedhee tana duudii Apholoosii fi ifii kiyyatti fakkeessee dubbadheera. Hiikkaan Jecha, «Waan barreeffame irra hin tarina'a jedhu» akka nu'u irraa barattanuuf ani tana godhe. Tanaaf eennulle nama tokkoon ifi jajee, nama dhibii tuffatuu hin qabu.
1CO 4:7 Ati worra dhibii maaniin caalta? Waan ati qaddu duudii ka si'ii kenne Waaqaa motii? Maarre yoo isa irraa fudhattee jiraatte, akka kennaa hin te'iniititti maaf ifi jajja?
1CO 4:8 Isin qaata waan barbaaddanu mara dhaggattane! Isin qaata duroontane! Nu'u malee isin qaata mootontane. Nuuti isin woliin akka mootonnu, adoo dhugumaan mootontane hin jaaladha.
1CO 4:9 Waaqi, nu'u ergantoota akka worra du'a itti muranee gara itti ijjeefamanu geeffamanuu, worra gadee waan nu godhe seya. Tanaaf biyya lafaa irratti ergantoota Waaqaatii fi fuula namaa duratti akka waan daaw'ii teenee mudhanna.
1CO 4:10 Nuuti Kiristoosiif jennee gowwoolee teeneerra; isin ammoo Kiristoosiin qaro'o; nuuti dadhaboole'e, isin ammoo jajjaba. Nuuti ulfinna dhanneerra, isin ammoo ulfeeffantaneertan.
1CO 4:11 Haga ammaan tanaalle nuuti beelotaa, dheebotaa, daaraa, dikamaa, mana dhannee rakkataa,
1CO 4:12 harka keennaan hujaa dadhabaarra. Yennaa nu abaaranu, nuuti hin eebbinna; yennaa nu miidhanu, nuuti hin ossina;
1CO 4:13 yennaa nu arrassanu, nuuti waan dansaa deebinnaaf. Haga ammaan tanaalle nuuti kosi'ii fi caffaa biyya lafa ti.
1CO 4:14 Ani akka ijoollee tiyya jaalatanteetitti isin gorsiisaaf malee, isin qaanessiisaaf tana barreessiisatti hin jiru.
1CO 4:15 Isin Kiristoosiin abbootii guddisaa kuma kudhan yoo qabaatanelle, Abbaa tokko callaa qaddan. Ani Oduu Gammadaa barsiisee karaa Kiristoosiitiin abbaa keessan te'eera.
1CO 4:16 Tanaaf fakkeenna kiyya akka fudhattanu isin kadhadha.
1CO 4:17 Sababa kanaaf ani ilma jaalatamaa kiyya, ka Kiristoosiin addatame Ximootewoos gara keessan erga. Inni karaa jiru'uu ka Kiristoosiin dhaggadhe, kama ani wolde'oota kiristaanaa addee maratti barsiisu isin yaadachiisa.
1CO 4:18 Isin keessaa gariin waan ani dhufee isin dhaggaa hin jirre seyanee, guddoo kooraneeran.
1CO 4:19 Yoo fedha Waaqaa teete ammoo, ani dhikoo tanattuu gara keessan dhufee, worri koorameeyyiin kun waan dubbatanu callaa adoo hin te'in hunna isaanille beekuu fedha.
1CO 4:20 Sababille Mootummaan Waaqaa waan dubbi'ii adoo hin te'in hunna Waaqaa ti.
1CO 4:21 Kam feetan? Ulee fudhadhee isinitti dhufa moo, yookiin ayyaana jaalalaatii fi qajeelumma'aatiin isinitti dhufa?
1CO 5:1 Amma, sagaagalummaan worra Waaqa malee le'u oddu'uttuu hin godhamin, odduu teessanitti akka jirtu odeeffamaara. Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii akka niiti'ii godhateeru jira.
1CO 5:2 Maarre, wonni fokkoo akkanaa odduu teessan jirtuun hin gadditan malee, attam koortan? Nama akkasii odduu teessaniin baasa'a.
1CO 5:3 Ani nafa kiyyaan isin bira jiraadhuu dhabulle, ayyaanaan haga ammaa isin bira jira; akka isin bira jiruutitti te'ee nama waan farra akkasii huje irratti maqaa Goottaa Yesuusiitiin ani itti mureera.
1CO 5:4 Yennaa isin maqaa Goottaa Yesuusiitiin wolitti dachaatanu anille hunna Goottaa Yesuusiitiin ayyaanaan odduu teessan waan jiruuf,
1CO 5:5 nafi namicha kanaa akka baduuf harka Seexanaatitti dabarsa'a isa kenna'a; guyyaa Goottaan Yesuus dhufu lubbuun nama kanaa akka fayyituuf tana gootan.
1CO 5:6 Tanaaf ifi jajuun keessan dansa'aa moti. Uukoon diqqoon bukoo guddoo akka bukeessitu hin beettanuu?
1CO 5:7 Akkuma amma jirtanutti akka bukoo haareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera.
1CO 5:8 Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeenna qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina.
1CO 5:9 Sagaagaltoota woliin tokkummaa hin qabaatina'a jedhee Xalayaa kanaan duraa keessatti ani isiniif barreesseera.
1CO 5:10 Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu.
1CO 5:11 Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a.
1CO 5:12 Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessa hin jiretti muriis hujii tiyyaa ree? Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessan keessa jirutti isin muruu hin dandeettanuu ree?
1CO 5:13 Worra ala jirutti ka muru Waaqa. Barreeffam Woyyichi, «Nama hamaa wodhakkaa teessaniin baasa'a» jedha.
1CO 6:1 Isin keessaa nami tokko dhugeeffataa dhibi'iin yoo wol dhabe, dubbii san kolbaa Waaqaa duratti ilaaluu irra, attam gara Kora Mura'aa ka worra hin balchoominii dhaqiisaaf gantan ree?
1CO 6:2 Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru'uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan?
1CO 6:3 Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree?
1CO 6:4 Eegasuu yoo wol dhaddane dubbii teessan worri wolde'a kiristaanaa keessatti hin barbaachinne akka isinii muru attam itti geeffattan ree?
1CO 6:5 Akka isin fokkifattanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu?
1CO 6:6 Isin keessaa ammoo dhugeeffataan tokko ka dhibi'iin wol dhabee gara Kora Mura'aa ka worra hin dhugeeffatinii geessuu qabaa?
1CO 6:7 Isin wol himattanee falmatiisinuu jigiisa keessan mudhitti. Addee san adoo isin yakkantanee hin woyyuu? Akkasuma adoo saamantanee woyyaa motii?
1CO 6:8 Isin ammoo kiristaana obboleeyyan teessanuuyyuu yakkitanee saamaartan.
1CO 6:9 Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina'a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu,
1CO 6:10 yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
1CO 6:11 Isin keessaa gariin worra akkanaa turtane. Isin ammoo maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitii fi Ayyaana Waaqa keennaatiin cubbuu dhiqattanee, kolbaa Waaqaa teetanee balchoontaneertan.
1CO 6:12 Nami tokko «Wonni marti naaf eeyyatanteerti» jedhuu dande'a. Wonni marti ammoo bu'aa qaddi jechu'uu moti. Wonni marti naa eeyyatanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te'ee hin bitamu.
1CO 6:13 Nami dhibiin, «Sagaleen gadha'aaf, gadhaalle sagale'eef» jedhuu dande'a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu'uuf, Goottaalle nafa kunuunsu'uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu.
1CO 6:14 Waaqi Goottaa du'aa kaaseera; innille hunna ifiitiin du'aa nu hin kaasa.
1CO 6:15 Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te'e hin beettanuu? Maarre ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu'uu godhuu qabaa? Ijjumaa te'uu hin qabu!
1CO 6:16 Nami dubartii sagaagaltitti'iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi'iitiin tokko akka te'e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te'an» jedha.
1CO 6:17 Nami Gootta'atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te'a.
1CO 6:18 Sagaagalummaa irraa fagaadha'a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja.
1CO 6:19 Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te'e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti.
1CO 6:20 Waaqi gati'iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa'a.
1CO 7:1 Marroo gaaffii gara kiyya barreessitanee dhiirti dubartii adoo fuudhuu dhaddee dansa'a.
1CO 7:2 Sagaagala irraa ifi eegatiisaaf ammoo, dhiirti tokko tokkoonuu niitii ifii qabaattuu ti; dubartiin tokko tokkoonuu dhirsa ifii qabaattuu ti.
1CO 7:3 Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma'aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma'aa hin dhooggatin.
1CO 7:4 Niitiin nafa ifii irratti baallii hin qaddu; nafa isi'ii irratti baallii ka qabu dhirsa isi'ii ti. Akkasuma dhirsille nafa ifii irratti baallii hin qabu; nafa isaa irratti baallii ta qaddu niitii isaa ti.
1CO 7:5 Akka jabaattanee daadimattanuuf isin lamaanuu wolii galtanee yennaa murtootteef yoo teete malee, haqa dhirsaa fi niitumma'aa wol hin dhooggatin. Sababa kanaan ka ka'e ifi qabachuu dadhaddanee Seexanni akka isin hin ataanne, ammalle wolitti deebi'a'a.
1CO 7:6 Ani isiniif eeyyamiisaaf malee, isin ajajiisaafii moti.
1CO 7:7 Nami duudiin akkuma kiyya adoo niitii fuudhuu dhabe hin fedhaayyu. Waaqi ammoo nama tokko tokkoofuu kennaa adda addaa kenneera. Tokkoof kennaa tokko, kaaniif kennaa dhibii kenneera.
1CO 7:8 Amma worri hin fuudhinii fi hin heerumin, akkasuma haadhotiin hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee adoo jiraatane dansa'a.
1CO 7:9 Ifi qabatiisa yoo dadhabane ammoo, addee halchaa fooniitiin gubatanu fuudhuu woyya.
1CO 7:10 Worra fuudheef ajaja kennu qaba; ajaji kunille ka Gootta'aa ti malee kiyyaa moti. Dubartiin heerumte dhirsa ifii irraa gargar hin bayin;
1CO 7:11 yoo baate ammoo, adoo hin heerumin qofuu leetuu ti; yookiin dhirsa ifii woliin araarantuu ti. Akkasuma dhirsille niitii ifii hin lakkisin.
1CO 7:12 Worra dhibi'iin ammoo Goottaa adoo hin te'in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le'iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin.
1CO 7:13 Dubartiin dhugeeffatte takkalle dhirsa hin dhugeeffatin yoo qabaattee inni isii woliin le'iisa jaalate, isiin isa hin lakkisin.
1CO 7:14 Abbaan manaa ka hin dhugeeffatin karaa haadha manaa ta dhugeeffatteetiin Waaqaa biratti fudhatama qabaata; haati manaa ta hin dhugeeffatinille karaa abbaa manaa ka dhugeeffateetin Waaqa biratti fudhatama qabaatti. Yoo akkas te'uu dhadde, ijoolleen teessan nama Waaqaa te'uu hin dandeettu. Akka kana yoo leetane ammoo, ijoolleen teessan nama Waaqaa hin teeti.
1CO 7:15 Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te'e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame.
1CO 7:16 Ati dubartii tana, dhirsa dhugeeffataa hin te'in keeti, takki fayyittuu beettaa? Atille namicha kana, niitii dhugeeffattuu hin te'in teeti, takki fayyittuu beettaa?
1CO 7:17 Tokko tokkoon keessan akkuma kennansa Goottaan isinii kennee fi akkuma yennaa Waaqi isin waame jirtanutti jiraadha'a. Kun seera ani wolde'a kiristaanaa duudii keessatti barsiisu.
1CO 7:18 Nami haqanqabaa qabateen duuba yoo Waaqaan waamame, akka haqanqabaa qabatee hin jirree hin te'in; yoo haqanqabaa qabatee hin jiraatin Waaqaan waamamee jiraate haqanqabaa qabatiisaa hin barbaadin.
1CO 7:19 Wonni guddoon ajaja Waaqaa eegatiisa malee, haqanqabaa qabatiis yookiin qabatuu dhabiis womaayyuu moti.
1CO 7:20 Nami tokko tokkoonuu akka yennaa Waaqi isa waame jirutti le'uu qaba.
1CO 7:21 Yennaa Waaqi si waame garbummaa jala turtee? Yoo teetelle womaa moti. Carraa bilisa bayiisaa yoo dhaggatte ammoo si irra hin tarin.
1CO 7:22 Nami adoo garba te'eeruu Gootta'aan waamame, Gootta'aan bilisummaa dhaggateera; akkasuma nami adoo bilisa te'eeruu waamame Kiristoosiif garbicha.
1CO 7:23 Waaqi gati'iin waan isin bitateef, garboota namaa hin te'ina'a.
1CO 7:24 Obboleeyyan tiyya! Nami tokko tokkonuu yennaa waamame akka jirutti Waaqa woliin jiraatuu ti.
1CO 7:25 Amma marroo worra hin fuudhinii fi hin heerumin jiranuu, Goottaan ajaja naaf hin kennine. Ani ammoo, akka nama marartii Gootta'aa dhaggatee addatamaa te'eetitti, yaada kiyya isinitti kenna.
1CO 7:26 Yennaan amma keessa jirru rakkittuu waan iteeteef, nami akkuma jirutti adoo le'e dansaa natti fakkaatti.
1CO 7:27 Yoo niitii fuutee jiraatte isii lakkisiisaa hin barbaadin, Yoo fuutee hin jirre ammoo fuudhiisaa hin barbaadin.
1CO 7:28 Yoo fuute ammoo, cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti; akkasuma durrittiin takka yoo heerumte cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti. Te'uu malee worri fuudhuu fi heerumu biyya lafaa tana irratti rakkoo le'ii hedduu qabaatan; ani ammoo, rakkinna kana jalaa akka baatanuuf jedhee isin gorsa.
1CO 7:29 Obboleeyyan tiyya! Wonni ani isiniin jedhu barri gabaabbateera; yoona worri niitii qabu akka niitii hin qannee te'ee le'uu ti.
1CO 7:30 Worri gaddu akka hin gaddineetitti, worri gammadu akka hin gammanneetitti le'uu ti; worri meya bitatu akka womaa hin qannee te'uu ti.
1CO 7:31 Worri karra biyya lafaatitti fayyadamu akka womaa hin fayyadannee te'ee le'uu ti. Sababille biyyi lafaa tun hin tarti.
1CO 7:32 Ani akka isin yaaddoo malee leetanu fedha. Nami hin fuudhin waan ittiin Goottaa gammachiisu waan barbaaduuf, yaadi isaa hujii Gootta'aa irratti xiyyeeffata.
1CO 7:33 Nami fuudhe ammoo, niitii ifii gammachiisiisaa waan barbaaduuf, yaadi isaa waan biyya lafaatiif haajama.
1CO 7:34 Akka kanaan yaadi isaa addee lamatti qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookiin durrittiin takka nafaa fi ayyaanaan woyyoontee ta Gootta'aa te'iisa waan barbaadduuf, yaadi isi'ii hujii Gootta'aatiif haajama; dubartiin heerumte ammoo, dhirsa ifii gammachiisiisaaf waan barbaadduuf waan biyya lafaatiif haajanti.
1CO 7:35 Ani akka isiniif toltuuf tana jedhe malee, isin hidhiisaaf moti. Isin waan sirrii te'ee fi waan male hujaa, gadhaa tokkoon tajaajila Gootta'aatiif akka ifi kennitanu fedha.
1CO 7:36 Nami tokko durra kadhateeru woliin wonni godhiisatti jiru sirrii yoo itti hin fakkaatin, ganni isi'iille dabariisa yoo geyee jiraate, woli fuudhiisi isaaniille yoo sirrii itti fakkaatte akkuma fedhe san yoo fuudhe cubbuu itti hin teetu.
1CO 7:37 Nami tokko ammoo, gadhaa kutatee, wonni isa dirqansiisu yoo hin jiraatin, halchaa ifiille toowatiisa dande'ee, durrittii kadhateeru san fuudhuu dhabiisaaf yoo murteeffate dansaa godhe.
1CO 7:38 Maarre nami fuudhu dansaa godha; ka hin fuune ammoo san caalaa dansaa godha.
1CO 7:39 Haati manaa haga abbaan manaa isi'ii lubbu'uun jiru seera fuudhaa fi heerumaatiin hidhanteerti; yoo dhirsi irraa du'e ammoo, nama ifii feete heerumiisaaf isiin bilisa. Teetuu malee nami isiin heerumtu sun dhugeeffataa te'uu qaba.
1CO 7:40 Akka yaada kiyyaatitti adoo hin heerumin yoo teette, irra caalaa gammadaan leeti. Anille Ayyaana Waaqaa qaba jedhee heda.
1CO 8:1 Marroo horii waaqota dharaatiif qalamee gaaffii na gaafattane ilaalchisee: Nuuti marti beekkumsa akka qannu hin beenna. Beekkumsi akkasii nama bondhoorsa; jaalalli ammoo hin jabeessa.
1CO 8:2 Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku'uu maleeyyuu hin beenne.
1CO 8:3 Nami Waaqa jaalatu ammoo Waaqaan ka beekkame te'a.
1CO 8:4 Maarre, marroo horii waaqota dharaatiif qalame nyaatiisaa yoo teete, waaqi dharaa dhugumaan jireenna akka hin qanne, akkasuma Waaqa tokkocha malee ka dhibiin akka hin jirre hin beenna.
1CO 8:5 Adoo Waaqa hin te'in waaqota jedhamanee, waaqotii fi goottoti waamamanu hedduun ol-gubba'aa fi lafa irra jiran yoo jedhamanelle,
1CO 8:6 nu'uuf ammoo Waaqa tokkocha calla'atti jira. Inni Waaqa Abbaa wonni duuchiin isaan dadantee fi nuutille isaaf jiraannu; akkasuma Goottaan, Yesuus Kiristoos calla'a. Inni ka wonni duudiin karaa isaatiin dadantee fi ka nuuti karaa isaatiin jiraannu.
1CO 8:7 Nami marti ammoo dhugaa tana hin beeku. Worri gariin haga ammaa waaqota dharaa waaqonfatiisa waan barataneef, foon horii qalamee san yennaa nyaatanu, akka foon waaqota dharaatiif qalameetitti yaadatan; wodanaan isaaniille dadhabaa waan te'eef hin battowan.
1CO 8:8 Sagaleen gara Waaqaa nu hin dhiyeessitu; yoo nyaatuu dhanne womaa nu irraa hin dhidhatu; yoo nyaannelle womaa nu'uuf hin ede'amu.
1CO 8:9 Bilisummaan teessan tun ammoo, worra dhugeeffanna'aan hin jabaatiniif gufuu akka hin teene ifi eegadha'a.
1CO 8:10 Ani beekkumsa qaba jettee galma waaqota dharaa keessatti ati nyaatiisatti jirtuun, nami wodanaan isaa dadhabaa te'e tokko yoo si dhagge, wonni kun akka inni horii waaqota dharaatiif qalame nyaatuuf isa hin kakkaachuu?
1CO 8:11 Maarre nami dhugeeffanna'aan hin jabaatin, obboleessa keeti ka te'e, ka Kiristoos du'eef sababa beekkumsa keetiitiin bada.
1CO 8:12 Karaa kanaan kiristaana dhibii yakkiisaa fi wodanaa isaanii dadhaba madeessiisaan Kiristoos yakkitan.
1CO 8:13 Tanaaf wonni ani nyaadhu obboleessa kiyya ta gufaachiittu yoo teete, isa akka hin gufachiinneef jedhee ijjumaa foon hin nyaadhu.
1CO 9:1 Ani nama bilisummaa qabuu motii? Ani ergama'aa motii? Ani Goottaa keenna Yesuus hin dhagginee? Isin Gootta'aan bu'aa hujii tiyyaatii motii?
1CO 9:2 Ergamaa te'uun kiyya worra dhibii biratti fudhatama dhabulle, ani isiniif ergama'a. Sababille, Gootta'atti waan dhugeeffattaneef isinuu beessisa ergamaa te'iisa kiyyaa ti.
1CO 9:3 Worra na busheeshuuf ani deebii qaba:
1CO 9:4 waan nyaannuu fi waan unnu dhaggatiisaaf mirga hin qannuu ree?
1CO 9:5 Akka Ergantoota dhibi'ii, akka obboleeyyan Gootta'aatii fi akka Pheexroosii, nuutille niitii dhugeeffatte ifi faana fudhannee woliin deemiisaaf mirga hin qannuu?
1CO 9:6 Yookiin anaa fi Baarnaabaas calla'attuu waan le'ii teennaatiif hujatuu qannaa?
1CO 9:7 Nami loltuu te'ee mindaa malee beesee ifiitiin tajaajilu eennu? Nami muka woyni'ii dhaabee midhaan isi'ii hin nyaanne eennu? Nami horii tissaa aanan hin unne eennu?
1CO 9:8 Ani akka yaada namaa callaa kana jedhaaraa? Seerri Muuse'eetuu akkana hin jedhuu?
1CO 9:9 Seera Muuse'ee keessatti, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin» ka jedhu barreeffameera. Amma Waaqi marroo qotiyyo'ootiif haajamee tana jedhee?
1CO 9:10 Waaqi marroo teennaafii motii tana jedhe ree? Nami lafa qotuu fi nami midhaan dhowu qooda midhaanii dhaggadha jedhee akkuma addii godhatu, dhugumaan wonni kun marroo teennaaf barreeffante.
1CO 9:11 Nuuti waan jireenna ayyaanaatiif barbaachisu isinii facaannee, waan jireenna fooniitiif barbaachisu isin irraa yoo haammanne waan guddo'oo ree?
1CO 9:12 Worri dhibiinuu waan akkasii isin irraa dhaggatiisaaf mirga ka qabanu yoo teete, nuuti mirga kana caalu attam qabaatuu dhanna ree? Nuuti ammoo mirga kanatti hin fayyadanne. Oduu Gammadaa ta Kiristoosiitiif gufuu akka hin teeneef, nuuti waan mara ossanne.
1CO 9:13 Worri Galma Waaqaa keessa tajaajilu sagalee ifii Galma Waaqaa keessaa akka dhaggatuu fi worri addee ciinca'aatitti ciincaa dhikeessu qooda ciinca'aa akka dhaggatu hin beettanuu ree?
1CO 9:14 Akkasuma worri Oduu Gammadaa lallabu waan ittiin le'anu hujii tana irraa akka dhaggatanu Goottaan ajajeera.
1CO 9:15 Ani ammoo mirga kana keessaa tokkolle'etti hin fayyadanne; kana ka barreessaarulle akka tana naa gootanuufii moti. Waan ani ittiin ifi jaju nami gatii dhassiisu'uu mannaa du'u naa woyya.
1CO 9:16 Ani Oduu Gammadaa waan odeesseef ifi jajuu hin qabu. Kana godhuun naaf dirqama; Oduu Gammadaa yoo lallabuu dhabe naaf aanne'e!
1CO 9:17 Fedha kiyyaan tana yoo godhe, gatii hin dhaggadha; fedha kiyya malee yoo godhe ammoo, hujii Waaqa biraa hadara'aan natti kennante muummesse jechu'u.
1CO 9:18 Gatiin dadhabbii tiyyaa maan ree? Gatiin dadhabbii tiyyaa mirga ifii qabu adoo itti hin fayyadamin, mindaa malee akkanumaan Oduu Gammadaa lallabu'u.
1CO 9:19 Ani nama bilisa malee, nama tokkolle'eef garbaa moti; ammoo haga dande'ame worra hedduu fayyisiisaaf garba ifi godheera.
1CO 9:20 Yihudoota fayyisiisaaf Yihudoota biratti akka Yihudootaa te'e. Ani seeraan jala jiraatuu dhabulle, worra seeraan jala jiru biratti akka nama seeraan jala jiruu te'e.
1CO 9:21 Ani Seera Waaqaa ka qabuu fi Seera Kiristoosiitiin jala jiraadhulle, worra Yihudoota hin te'in ka seera hin qanne fayyisiisaaf akka nama seera hin qannee te'e.
1CO 9:22 Worra dhugeeffanna'aan dadhabaa te'e fayyisiisaaf, akka worra dadhaba'aa te'e. Worra garii fayyisiisaaf nama duudii woliin waan duudii te'e.
1CO 9:23 Ani eebba Wongeelaa qoodamiisaaf, Wongeelaaf jedhee tana duudii godha.
1CO 9:24 Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa'a.
1CO 9:25 Worri doggommo'oof qophowu mara leenjii jadduu leenji'a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona.
1CO 9:26 Tanaaf ani akka nama yaada hin qannee toluma hin rukkisu; ani akka nama qilleensa tuntummu'uun dhowuu nama toluma aggatuu moti.
1CO 9:27 Worra dhibi'iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi'iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.
1CO 10:1 Obboleeyyan tiyya! Akka abbootii teenna duumensi isaaniin gubbaa jiraatee sooressee fi akka isaan martinuu abbaayaa diintuu keessa qaxxaamurane isin qaabachiisuu fedha.
1CO 10:2 Isaan duudiin hordofattoota Muuse'ee te'iisaaf duumensaa fi Abbaayaa guddoo tanatti cuuphamane.
1CO 10:3 Isaan martinuu sagalee ayyaanaa ta wol fakkaattu nyaatane.
1CO 10:4 Isaan martinuu unii ayyaanaa ta wol fakkaattu unaneeran. Uniin isaan unanelle rassaa ayyaanticha isaan hordofiisatti jiru irraa maddite; rassaan sunille kiristoos.
1CO 10:5 Teetuu malee, Waaqi isaan keessaa worra heddu'utti waan hin gammadiniif reeffi isaanii goomolee keessatti bittinnowee hafe.
1CO 10:6 Isaan waan hantuu akka halchane, nuutille waan hantuu akka hin halchine wonni kun nu'uuf fakkeenna nu ifi eeggachiisu te'eera.
1CO 10:7 Akkuma Barreeffam Woyyichi, «Kolbaan nyaataa fi unto'oof teette; caaqaa sirbiisaafille kaate» jedhu, isinille akka isaan waaqota dharaa waaqonfatane, waaqota dharaa hin waaqonfatina'a.
1CO 10:8 Isaan keessaa worri gariin sagaagalee nami kum diddamii sad guyyaa tokkotti akkuma dhumate, nuutille sagaagaluu hin qannu.
1CO 10:9 Isaan keessaa gariin Goottaa haga ilaalane akkuma bofaan ijjeefamane, nuutille Goottaa haga ilaaluu hin qannu.
1CO 10:10 Isaan keessaa gariin gungumanee, ergamaa Waaqaa ka balleessuun akkuma badane isinille hin gungumina'a.
1CO 10:11 Wonni kun duudiin nu'uuf fakkeenna akka teetuuf isaan dhaqqadde; nu worra bara muumme'ee keessa jirruuf ammoo, ifi eeggannoo akka teetuuf barreeffante.
1CO 10:12 Tanaaf nami ani dhaabbadheera jedhee yaadatu, akka hin jinne ifi eegatuu ti.
1CO 10:13 Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.
1CO 10:14 Maarre jaalota tiyya! Waaqota dharaa waaqonfatiisa irraa fagaadha'a.
1CO 10:15 Ani isin worra hubatu waan teetaneef dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu mura'a.
1CO 10:16 Muduunuu yennaa Irbaata Gootta'aa fudhannu itti fayyadannu, ta Waaqalle galateeffannuuf keessaa yennaa unnu eebba dhiiga Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboo caccaffannulle yennaa nyaannu eebba foon Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii?
1CO 10:17 Daabboon takkaan waan jirtuuf, nuuti hedduu teenulle, duudiin keenna daabboo takkaa irraa waan qoodannuuf nuuti nafa tokkocha.
1CO 10:18 Me kolbaa Israa'elii ilaala'a; worri waan ciinca'aaf dhikaatu nyaatu, tajaajila addee ciinca'aa qoodamiisatti hin jiruu ree?
1CO 10:19 Eegasuu, ciincaan waaqota dharaatiif dhiyaatu, yookiin waaqoti dharaatuu bu'aa qaban jechuu kiyyaa ree?
1CO 10:20 Waawwoo! Worri waaqota dharaa waaqonsu durriisaaf ciincaa dhikeessa malee, Waaqaafii moti. Akka isin durriisota woliin jaalontanuufille ani hin barbaadu.
1CO 10:21 Isin muduunuu Gootta'aa keessaa unaa, muduunuu durriisotaa keessalle'ee unuu hin dandeettanu; isin qorii Gootta'aa keessaa nyaataa, qorii durriisotaa keessalle'ee nyaatuu hin dandeettanu.
1CO 10:22 Yookiin nuuti Goottaa hinaassisaarraa ree? Nuuti isa caalaa jajjabaa ree?
1CO 10:23 «Wonni marti eeyyatanteerti» jedhama, ammoo wonni marti bu'aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessitu.
1CO 10:24 Nami tokko tokkonuu bu'aa mataa ifii callaa barbaaduu adoo hin te'in, bu'aa worra dhibi'iitille'eef yaaduu ti.
1CO 10:25 Mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii, foon dikko'otti gurguramu duudii nyaadha'a.
1CO 10:26 Sababille akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Lafaa fi wonni isii irra jiru duudiin ka Gootta'aa ti».
1CO 10:27 Nami hin dhugeeffatin tokko areerti'iif yoo isin waame, isinille dhaqiisaaf yoo murteeffattane, waan isin duratti dhiyaate, mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii nyaadha'a.
1CO 10:28 Ammoo nami tokko, «Kun waaqota dharaatiif ka ciinceffameeru» jedhee yoo isinitti hime, marroo namicha isinitti himeetii fi wodanaa isaatiif jedha'aatii hin nyaatina'a.
1CO 10:29 Wodanaa jechuun kiyya, wodanaa namicha sanii tuqa jechuu kiyya malee, wodanaa keessanii moti. Eegasuu sababa wodanaa nama dhibi'iitiif, bilisummaa tiyya irratti maaf muranti ree?
1CO 10:30 Ani Waaqa galateeffataa yoo nyaadhe, waan ittiin Waaqa galateeffadhuuf maaf komatama?
1CO 10:31 Maarre yennaa nyaattanulle te'e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha'a.
1CO 10:32 Worra Yihudootaa yookiin worra Yihudoota hin te'in yookiin wolde'a Kiristaana Waaqaa hin gufachiisina'a.
1CO 10:33 Ani nami duudiin akka fayyuuf bu'aa worra dhibi'ii malee, bu'aa mataa kiyyaa adoo hin barbaadin, waan huju maraan nama akkuma gammachiisu isinille akkasuma godha'a.
1CO 11:1 Akkuma ani Kiristoos fakkaadhu isinille na fakkaadha'a.
1CO 11:2 Waan duudi'iin yennaa maraa na qaabataa, barsiisa ani isin barsiise waan qabattaneef isin leellifadha.
1CO 11:3 Ammoo Kiristoos mataa dhiiraa, dhiirti mataa dubarti'ii, Waaqille mataa Kiristoosii akka te'e akka beettanu barbaada.
1CO 11:4 Dhiirti hagooggattee daadimattu yookiin raaga dubbattu ifi salphitti.
1CO 11:5 Akkasuma dubartiin mataa ifii hin hagooggatin daadimattu yookiin raaga dubbattu, dhiira dubartii irratti baallii qaddu salphitti. Dubartiin mataa ifii hin hagooggatin, akka mataa haadatteetitti laakkowanti.
1CO 11:6 Dubartiin mataa ifii ta hin hagoogganne yoo teete, rifeensa mataa ifii murattuu ti; rifeensa mata'aa muratiis yookiin haadatiis ka isii salphisu yoo te'e ammoo, mataa ifii hagooggattuu ti.
1CO 11:7 Dhiirti bifa Waaqaatii fi ulfinna Waaqaa ta mudhittu waan teeteef, mataa ifii hin hagooggatin. Dubartiin ammoo ulfinna dhiiraa mudhitti.
1CO 11:8 Sababille dubarti'ittuu dhiira irraa dhaggame malee, dhiirti dubartii irraa hin dhagganne.
1CO 11:9 Akkasuma dubarti'ittuu dhiiraaf dadante malee, dhiirti dubarti'iif hin dadanne.
1CO 11:10 Marroo kanaa fi sababa ergantoota Waaqaatiif, dubartiin hagoogguu beessisa baalli'ii teete san hagooggatuu ti.
1CO 11:11 Jireenna Gootta'aan qannuun dubartiin dhiira malee hin jiraattu; dhiirtille dubartii malee hin jiraattu.
1CO 11:12 Akkuma dubartiin dhiira irraa dhaggante, dhiirtille dubartii irraa dhalatte; wonni duudiin ammoo Waaqa irraa dhagganti.
1CO 11:13 Me isinuu mura'a; dubartiin adoo mataa ifii hin hagooggatin wolde'a kiristaanaa keessatti Waaqa daadimatuun waan malee?
1CO 11:14 Dhiirti rifeensa mataa ifii dheereffachuun salphinna akka te'e, aadaan le'ii namaatuu isin hin barsiittuu?
1CO 11:15 Dubartiin ammoo rifeensa dheeraa yoo qabaatte, isi'iif ulfinnaa motii ree? Rifeensi isi'iille akka ittiin ifi gollattuuf kenname.
1CO 11:16 Nama yaada kanaan moromuu barbaaduuf ammoo, nuuti yookiin wolde'ooti kiristaanaa ka Waaqaa, aadaa dhibii hin qannu.
1CO 11:17 Yennaa waaqonfanna'aaf wolitti qabantanu, dansaa caalaa hantuu waan gootanuuf, barsiisa amma isinii kennuun isin hin leellifadhu.
1CO 11:18 Waan duudi'iin dura, wolde'i kiristaanaa keessan yennaa wolitti qabamu, gargar bayiisi odduu teessan akka jiru dhage'eera; wonni ani dhage'elle gamis dhugaa akka te'e hin dhugeeffadha.
1CO 11:19 Isin keessaa worri dhugaa irra jiru fowamee akka beekkamu, odduu teessanitti gargar bayiisi jiraatuu qaba.
1CO 11:20 Yennaa wolitti qabantanu Irbaati isin nyaattanu ka Gootta'aatii moti.
1CO 11:21 Sababille yennaa nyaattanu namuu kuun kaan adoo hin eegin qofuu nyaata. Akka kanaan kuun hin beelowa, ka dhibiin hin machowa.
1CO 11:22 Isin mana itti nyaattanuu fi untanu hin qaddanuu? Yookiin wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa hin tuffattanii? Yookiin worra woy hin qanne qaanessitanii? Ani maan isiniin jedhu ree? Marroo waan kanaatiif isin leellifadhaa ree? Ani ijjumaa isin hin leellifadhu.
1CO 11:23 Barsiisi ani Goottaa irraa fudhadhee isiniif dabarsee kenne kana: Goottaan Yesuus halkan dabarfamee kenname xaltaa daabbo'oo fuudhee,
1CO 11:24 Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif te'u; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe.
1CO 11:25 Akkasuma Irbaataan duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun gondooroo haareya dhiiga kiyyaan teetu; yennaa isii untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe.
1CO 11:26 Isin yennaa xaltaa daabbo'oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi'ee dhufutti du'a isaa lalladdan.
1CO 11:27 Tanaaf eennulle akka hin malleen, daabboo Gootta'aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta'aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta'aa waan salphiseef itti gaafatama.
1CO 11:28 Maarre, eennulle daabboo tana adoo hin nyaatin, muduunuu tanalle adoo hin unin ifi qorqoruu qaba.
1CO 11:29 Eennulle foon Gootta'aa maan akka te'e adoo hin hubatin, foon Gootta'aa yoo nyaate, muduunuu Gootta'aalle yoo une yakkaamessa ifi godha.
1CO 11:30 Sababa kanaaf isin keessaa worri hedduun dadhabee, worri hedduun dhibamee, worri gariille du'e.
1CO 11:31 Adoo dursinee ifi qorqorree jiraanne, sila Waaqa duratti yakkaameyyii hin teenu.
1CO 11:32 Ammoo biyya lafaa woliin akka nu'utti hin muranne, Goottaan ammuma nu'utti muree nu adaba.
1CO 11:33 Tanaaf obboleeyyan tiyya! Irbaata Gootta'aatiif yennaa wolitti qabantanu wol eega'a.
1CO 11:34 Wolitti qabamuun keessan yakkaa ifitti mursiisiisaaf akka hin teene, nami isin keessaa beelaye yoo jiraate mana ifiititti nyaatuu ti. Marroo waan dhibi'ii ani yennaa achi dhufu, qajeelfama isinii kenna.
1CO 12:1 Obboleeyyan tiyya! Amma marroo kennansa Ayyaana Woyyichaa akka beettanu barbaada.
1CO 12:2 Isin duri yennaa Waaqatti hin dhugeeffatin, karaa irraa gortanee gara waaqota dharaa ka dubbatiisa hin dandeennee, oofamaa akka turtane hin beettan.
1CO 12:3 Tanaaf nami Ayyaana Waaqaatiin sooreffamee, Yesuus abaaru hin jiru; akkasuma Ayyaana Woyyichaan yoo sooreffame malee eennulle, «Yesuus Gootta'a» ka jedhu akka hin jirre akka beettanu barbaada.
1CO 12:4 Kennansi adda addaa jira; Ayyaanni Woyyichi ammoo tokkochuma.
1CO 12:5 Tajaajilli adda addaa jira; Goottaan ammoo tokkochuma.
1CO 12:6 Hujiin adda addaa jirti; waan mara nama duudii keessatti ka huju Waaqa tokkochuma.
1CO 12:7 Kennansi Ayyaanaa ka nama duudii keessatti mudhatu, bu'aa nama duudi'iitiif kenname.
1CO 12:8 Ayyaanni Woyyichi tokkoof dandeettii qaroomaan dubbatiisaa hin kenna; ka dhibi'iif Ayyaanni sunuu dandeettii beekkumsaan dubbatiisaa hin kenna.
1CO 12:9 Tokkoof Ayyaanni sunuu dhugeeffannaa hin kenna; ka dhibi'iif kennansa dhibee irraa fayyisiisaa hin kenna.
1CO 12:10 Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi'iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama'aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi'iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatiin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna.
1CO 12:11 Ayyaana tokkochuma sanitti tana duudii godha; Ayyaanni Woyyichi akka fedhetti nama tokko tokkoofuu kennansa addaa kenna.
1CO 12:12 Nafi tokkochi qooda adda addaa qaba; nafi tokkochi qooda hedduu qaba. Akkasuma Kiristoosille akka nafa tokkocha qooda hedduu qabuu ti.
1CO 12:13 Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu'uuf kennameera.
1CO 12:14 Nafi qooda hedduu irraa hujame malee, qooda tokko callaa irraa hin hujanne.
1CO 12:15 Miilli harkaan, «Ani harka waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu.
1CO 12:16 Gurrille, «Ani ila waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu.
1CO 12:17 Nafi duudiin adoo ila te'e, sila maaniin woy dhage'a? Nafi duudiin adoo gurra te'e, sila maaniin foolee fuudha?
1CO 12:18 Waaqi ammoo, qooda nafa duudi'ii adda addaan akka ifii barbaadetti, addee addee isaatitti qopheesse.
1CO 12:19 Qoodi nafaa duudiin, qooda nafaa tokko callaa yoo te'e, nafi eessa jiraata laati?
1CO 12:20 Kanaaf akka amma jirutti, qoodi nafaa heddu'u; nafi ammoo tokkocha.
1CO 12:21 Maarre ilti harkaan, «Ati naaf hin barbaachittu» yookiin mataan miilaan, «Ati naaf hin barbaachittu» jechuu hin dande'u.
1CO 12:22 Qooda nafaa keessaa irra caalaa dadhabaa fakkaatanee ka mudhatanuuyyuu, guddoo barbaachisan;
1CO 12:23 qooda nafa keennaa keessaa ka ulfinna diqqaa qabanu fakkaatanee nu'utti mudhatanuuf, caalchinnee ulfinna kennina; qooda nafa keennaa ka fokkisiisanu fakkaatanee ka nu'utti mudhatanuuf ammoo, caalchinnee kabajjaa kenninee hin eeganna.
1CO 12:24 Qooda nafa keennaa ka ilatti mudhattuuf ammoo, wonni kun duudiin hin barbaachittu. Waaqi ammoo, qoodi nafaa tuffatamaan ulfinna irra caalu akka qabaatu wolitti qabeera.
1CO 12:25 Qooda nafaa wodhakkaa garaa garummaan adoo hin jiraatin, akka woliif yaadatanuuf inni tana godhe.
1CO 12:26 Qooda nafaa keessaa tokko yoo rakkate, ka hafanelle isa woliin rakkatan; isaan keessaa tokko ulfinna yoo dhaggate, ka hafanelle isuma san woliin gammadan.
1CO 12:27 Amma isin duudiin nafa Kiristoosii ti; tokko tokkoon keessanuu qooda nafa isaa ti.
1CO 12:28 Waaqi wolde'a kiristaanaa keessatti dursee ergantoota, itti aansee raagota, sadeessoo barsiisota, achiin duuba worra bilbaasa huju, isaanitti aansee worra kennansa dhibamaa fayyisiisaa qabu, worra kennansa namoota qarqaariisaa qabu, bulchitootaa fi worra afaan haareyaan dubbatanu kaaseera.
1CO 12:29 Duudiinuu ergantootaa ree? Duudiinuu raagotaa ree? Duudiinuu barsiisotaa ree? Duudiinuu bilbaasa hujanii ree?
1CO 12:30 Duudiinuu kennaa dhibamaa fayyisiisaa qabanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan dubbatanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan ka dubbatame hiikuu dande'anii ree?
1CO 12:31 Isin ammoo kennaa caaltu dhaggatiisaaf jabaadha'a. Anille karaa duudii irra caalu isinitti hin mudhisa.
1CO 13:1 Afaan namootaatii fi ergantoota Waaqaatille'een dubbadhee, jaalala qabaachuu yoo dhabe, ani akka bilbila iyyuu yookiin akka sibiila qilillisuu ti.
1CO 13:2 Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkumsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde'ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti.
1CO 13:3 Waan qabu mara hiyyeeyyi'iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu.
1CO 13:4 Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja'a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju.
1CO 13:5 Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu'aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu.
1CO 13:6 Jaalalli dhuga'atti malee, hammeennatti hin gammadu.
1CO 13:7 Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
1CO 13:8 Jaalalli ijjumaa hin badu; ammoo raaga dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; afaan haareyaan dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; beekkumsalle yoo te'e, hin hafa.
1CO 13:9 Sababille wonni nuuti beennu gamisa; raagi nuuti dubbannulle gamisa.
1CO 13:10 Wonni mijuu teete yennaa dhuttu, wonni gamisa teete hin baddi.
1CO 13:11 Ani yennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadhe; akka ijoolle'ee yaadadhe; akka ijoolle'ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma'aa lakkiseera.
1CO 13:12 Wonni amma nuuti dhagginu akka daaw'itii keessatti caararra'aan dhagginuu ti; yennaa san ilumaan hin dhaggina. Wonni ani amma beeku gamisa; yennaa san qixxee Waaqi na beekutti, beekkumsa guutuu hin qabaadha.
1CO 13:13 Yoona dhugeeffannaan, addi'ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala.
1CO 14:1 Jaalala hordofa'a; kennaa Ayyaana Woyyichaa, keessattuu raaga dubbatiisaa akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a.
1CO 14:2 Nami afaan haareeyaan dubbatu, waan inni dubbatu ka beeku waan hin jirreef, Waaqatti dubbata malee namootatti hin dubbatu; inni hunna Ayyaana Woyyichaatiin dhossaa dhuga'aa dubbata.
1CO 14:3 Nami raaga dubbatu, namoota ijaariisaaf, jabeessiisaa fi jajjabeessiisaa dubbata.
1CO 14:4 Nami afaan haareyaan dubbatu mataa ifii callaa ijaara; ka raaga dubbatu ammoo wolde'a kiristaanaa ijaara.
1CO 14:5 Isin duudiin afaan haareyaan akka dubbattanu hin jaaladha; ammoo san caalaa kennaa raaga dubbatiisaa akka qabaattanu jaaladha. Waan afaan haareyaan dubbatame san, akka wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu nami tokko yoo hiike malee, nama afaan haareyaan dubbatu caalaa ka raaga dubbatutti caala.
1CO 14:6 Maarre obboleeyyan tiyya! Ani mudhii yookiin beekkumsa yookiin raaga yookiin barsiisa tokko adoo hin dubbatin, afaan haareya calla'aan dubbataa gara keessan yoo dhufe, maan isinii baya?
1CO 14:7 Suusullee yookiin kiraara meya lubbuu hin qanne irrattuu, qoonqoon afuufantu yookiin dhowantu sun qoonqoo adda addaa yoo hin qabaatin, qoonqoon isaan dhageessisanu ta attamii akka teete attamiin beekkanti ree?
1CO 14:8 Tultullaan afuufamee, qoonqoon isaalle qulloottee yoo beekkamuu dhadde, eennuttuu lolaaf qophowa ree?
1CO 14:9 Akkasuma, wonni isin afaan haareyaan dubbattanu ka hin beekkanne yoo te'e, nami waan isin dubbattane attamiin beekuu dande'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanuu teetan.
1CO 14:10 Biyya lafaa irratti afaan hedduun adda addaa jira; isaan keessaa hiikkaa ka dhabe hin jiru.
1CO 14:11 Ani hiikkaa afaan dubbatamuu san yoo beekuu dhabe ammoo, nama dubbatu biratti orma te'a; innille orma natti te'a.
1CO 14:12 Maarre isin kennaa Ayyaana Woyyichaa dhaggatiisaaf eega dharraatane, waan duuchii caalaa kennaa wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a.
1CO 14:13 Tanaaf nami afaan haareyaan dubbatu, waan dubbate san hiikuu akka dande'u daadimatuu qaba.
1CO 14:14 Ani afaan haareyaan yoo daadimadhe, ayyaanni kiyya hin daadimata; qalbiin tiyya ammoo womaa hin hujju.
1CO 14:15 Maan godhuu qaba? Ani ayyaana kiyyaan hin daadimadha; qalbii tiyyaalle'een ammoo hin daadimadha; ayyaanaan hin faarsa; qalbii tiyyalle'een ammoo hin faarsa.
1CO 14:16 Ati ayyaana keetiin yoo Waaqa galateeffattu, nami wonni ati jettu haareya itti teetee, hiikkaa dubbi'ii hin beekin, daadimannaa galataa ta ati dhikeessitutti, «Attam Ameen» jechuu dande'a ree?
1CO 14:17 Daadimannaan galataa ta ati dhikeessite dansaa teetulle, nami dhibiin ammoo ittiin hin jabaatu.
1CO 14:18 Ani isin duudii caalaa afaan haareyaan waan dubbadhuuf, Waaqa galateeffadha.
1CO 14:19 Te'uu malee wolde'a kiristaanaa keessatti, afaan hin beekkanneen jecha kuma kudhan dubbachuu irra, namoota dhibii barsiisiisaaf, jecha shan afaan beekkamuun dubbatuu jaaladha.
1CO 14:20 Obboleeyyan tiyya! Waan hantu'uuf daa'immaan te'a'a; yaada keessaniin ammoo worra guddatane te'aa malee, daa'immaan hin te'ina'a.
1CO 14:21 Barreeffama Woyyicha keessatti, «‹Ani karaa namoota afaan haareya dubbatanuutii fi karaa namoota afaan ormaa dubbatanuutiin, kolbaa tanatti hin dubbadha; tun teetulle kolbaan tiyya ana hin dhageettu› jedha Goottaan» jedhantee barreenfanteerti.
1CO 14:22 Tanaaf afaan haareyaan dubbachuun beessisa worra hin dhugeeffanneef kenname malee, worra dhugeeffateef ka kennamee moti; raagi ammoo worra dhugeeffateef malee, worra hin dhugeeffanneefii moti.
1CO 14:23 Maarre wolde'i kiristaanaa marti wolitti qabamee, nami marti afaan haareyaan yoo dubbate, namooti hiikkaa dubbii sanii hin beenne yookiin worri hin dhugeeffatin yoo ol seenane isiniin, «Worri kun maraateera» hin jedhanuu ree?
1CO 14:24 Ammoo isin martinuu adoo raaga dubbatiisatti jirtanuu, nami hin dhugeeffatin yookiin nami dubbiin tun isaaf hin galle yoo ol seene, waan dhage'een cubbuu ifii hubata. Akkasuma dubbii dhage'u duudi'iin isatti muranti.
1CO 14:25 Dhossaan gadhaa isaa keessa jirtulle ifatti hin baati; innille addaan lafatti jigee, «Dhugumaan Waaqi odduu teessan jira» jedhaa Waaqaaf sagada.
1CO 14:26 Obboleeyyan tiyya! Yoona maan jenna ree? Yennaa wolitti qabantanu isin keessaa tokko faarsiisa, tokko barsiisiisa, tokko mudhii, tokko afaan haareyaan dubbatiisa, tokko waan dubbatame hiikiisa hin qabaata. Wonni kun duudiin ammoo, wolde'a kiristaanaa ijaariisaaf te'uu ti.
1CO 14:27 Worri afaan haareyaan dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo heddate sad callaan, badoo bado'oon dubbatuu ti; nami tokko ammoo waan dubbatame san hiikuu ti.
1CO 14:28 Nami hiiku yoo jiraatuu dhabe, ka afaan haareyaan dubbatu sun, ifii fi Waaqa calla'atti dubbatuu malee, wolde'a kiristaanaa keessatti cadhisuu ti.
1CO 14:29 Raagoti lama yookiin sad te'anee dubbatanuu ti; worri dhibiin ammoo waan isaan jedhane qorqoruu ti.
1CO 14:30 Worra tee'ane keessaa nama dhibi'iif mudhiin yoo kennanteef ammoo, ka duraan dubbatiisatti jiru sun cadhisuu ti.
1CO 14:31 Nami duudiin akka baratuu fi jajjabaatu, tokko tokkoon keessan badoo bado'oon raaga dubbatuu dandeettan.
1CO 14:32 Ayyaanni raagotaa raagotaaf hin ajajama.
1CO 14:33 Sababille Waaqi Waaqa nageyaa ti malee, ka hoga'aatii moti. Akkuma wolde'a kiristaanaa duudii keessatti te'u,
1CO 14:34 dubartooti wolde'a Kiristaanaa keessatti cadhittuu ti. Akkuma Seerri Muuse'ee jedhutti, dubartooti akka ajajantu malee, akka dubbattuuf hin eeyyamanne.
1CO 14:35 Wonni tokko tokko ka isaan beekiisaa barbaadanu yoo jiraatte, abbuma manaa ifii manatti gaafatanuu ti; dubartiin takka wolde'a Kiristaanaa keessatti dubbachuun fokko'o.
1CO 14:36 Jechi Waaqaa isin irraa dhufee? Yookiin isin qofa geyee?
1CO 14:37 Nami tokko ani raaga'a yookiin kennaa ayyaanaa qaba ka jedhu yoo jiraate, ajaji ani barreesse kun ka Gootta'aa akka te'e beekuu ti.
1CO 14:38 Nami tana hin beenne ammoo, inninuu hin beekkamu.
1CO 14:39 Tanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbatiisaaf jabaadha'aa barbaada'a; afaan haareyaan dubbatiisalle hin dhooggina'a.
1CO 14:40 Wonni duudiin ammoo, karaa qajeela'aa fi seeraan te'uu ti.
1CO 15:1 Amma obboleeyyan tiyya! Oduu Gammadaa ta ani isinitti lallabeeruun fudhattanee, itti jabaattanee dhaabbattane, isin qaabachiisuu fedha.
1CO 15:2 Oduu Gammadaa ta ani isinitti lallabe jabeessitanee yoo qabattane, ittiin hin fayyitan; yoo san te'uu dhadde ammoo, dhugeeffannaan teessan gatii hin qaddu.
1CO 15:3 Ani waan ifiif fudhadhe ka waan duudii caalu isinii dabarseera; wonni ani isinii dabarselle: akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreenfante Kiristoos cubbuu teennaaf du'ee,
1CO 15:4 awwaalamee, akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffantetti, guyyaa sadiin duuba du'aa ka'eera ta jettu.
1CO 15:5 Inni Pheexroositti mudhattee, achiin duuba barattoota ifii kudhanii lamatti mudhate.
1CO 15:6 Saniin duuba hordofattoota ifii ka dhibba shaniin ol te'anutti yennaa tokkotti mudhate; hedduun isaanii haga ammaa hin jiran; gariin ammoo du'aneeran.
1CO 15:7 Yaaqoobitti mudhateen duuba ammoo, ergantoota maratti mudhate.
1CO 15:8 Muummee irratti ana nama akka sadheessaa te'elle'etti mudhate.
1CO 15:9 Ani ergantoota duudii keessaa diqqa'a; wolde'a Kiristaanaa ka Waaqaa irralle'etti waan miidhaa geessiseeruuf ergamaa jedhamiisaaf nama te'uu moti.
1CO 15:10 Amma ammoo badhaadha Waaqaatiin akka amma te'e kana te'ee dhaggama; badhaadhi inni naaf kennelle akkanumaan hin hanne. Ani ergantoota taan caalaa dadhabee hujeera; tana ka huje badhaadha Waaqaa ka na woliin jiru malee, anaa moti.
1CO 15:11 Maarre analle te'e isaan, woma kana lallanna; isinille waanuma kana dhugeeffattane.
1CO 15:12 Kiristoos du'aa akka ka'e eega lallabame, isin keessaa worri gariin attamiin du'aa ka'iis worra du'ee hin jiru jedhan ree?
1CO 15:13 Du'aa ka'iis worra du'ee yoo hin jiraatin, Kiristoosille du'aa hin kaane jechu'u.
1CO 15:14 Kiristoosille yoo du'aa ka'ee hin jirre teete, lallabi keenna gatii hin qabu; dhugeeffannaan teessanille gatii hin qaddu jechu'u.
1CO 15:15 Waaqi, Kiristoos du'aa kaaseera jennee, dhugaa bayiisa keennaan dhugaa baatota Waaqaa, dharaameyyii teenee dhagganneerra. Worri du'e dhugumaan du'aa ka hin kaane yoo te'e, Waaqi ammoo Kiristoos du'aa hin kaanne jechu'u.
1CO 15:16 Sababille worri du'e ka hin kaafanne yoo te'e, Kiristoosille du'aa ka'ee hin jiru.
1CO 15:17 Kiristoos yoo du'aa kaafamee hin jirre teete, dhugeeffannaan teessan gatii hin qaddu; haga ammaan tanaalle cubbu'uun jirtan.
1CO 15:18 Yoo akkana teete worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e badeera jechu'u.
1CO 15:19 Jiruu biyya lafaa tana calla'aaf Kiristoositti yoo addannee jiraanne, namoota duudii caalaa ka nayuu qabanuuf nu'u.
1CO 15:20 Kiristoos ammoo dhugumaan du'aa ka'ee, worra du'eef angafa te'ee du'aa ka'a isaanille mirkaneesse.
1CO 15:21 Duuti karaa nama tokkootiin akkuma dhutte, du'aa ka'iis worra du'eelle karaa nama tokkootiin dhutte.
1CO 15:22 Nami marti akkuma Addaamiin du'u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata.
1CO 15:23 Tun tokko tokkoofuu badoo badoo'oonuu teeti; Kiristoos du'aa ka'ee angafa akkuma te'e, worri ka Kiristoosii te'anelle, yennaa inni dhufu du'aa hin ka'an.
1CO 15:24 Achiin duuba Kiristoos bulchitoota, worra baallii qabuu fi hunna qabu balleessee, mootummaa Waaqa Abba'atti yennaa kennu, muummeen biyya lafaa hin teeti.
1CO 15:25 Waaqi diinota isaa mara miila isaa jala haga keyutti, Kiristoos mowuu qaba.
1CO 15:26 Diinni injifatamee muummee irratti badu du'a.
1CO 15:27 Barreeffam Woyyichi, «Waaqi waan mara miila isaatiin jala godheera» jedha. «Waan duudii miila isaatiin jala godheera» yennaa jedhu, Waaqi waan duudii miila Kiristoosiitiin jala godhe, ifiif ammoo miila jala akka hin galiin ifa.
1CO 15:28 Wonni duudiin baallii Kiristoosiitiin jala teeteen duuba, Ilminuu Waaqa waan duudii isaan jala godhe jala ifi godha; Waaqille waan mara guutumatti hin bulcha.
1CO 15:29 Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, namooti marroo worra du'eetiif jedhanee cuuphamanu bu'aan isaanii maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, kolbaan tun maaf addee isaanii cuuphanti ree?
1CO 15:30 Nuutille maaf yennaa mara balaa keessa ifi galchina ree?
1CO 15:31 Obboleeyyan tiyya! Guyyaa guyya'aanuu duuti na dhaqqaddi. Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isiniin waan ifi jajuuf, ani tana isinitti hima.
1CO 15:32 Akka yaada namaa qofaan, Efesoon keessatti bineensaan wol loluun kiyya bu'aan maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, «Boru waan duunuuf, kowa'a hin nyaanna, hin unna» akkuma jedhante te'uu isi'ii ti.
1CO 15:33 Hin gowwoomina'a. «Hari'aan badduun amala dansaa balleessiti».
1CO 15:34 Gara qalbii teessanii deebi'a'a. Cubbuulle hin hujina'a. Isin keessaa worri gariin ka Waaqa hin beenne jira. Ani isin qaanessiisaaf tana dubbadha.
1CO 15:35 Nami tokko, «Worri du'e attamiin ka'a? Yennaa du'aa ka'anu nafa attamii qabaatan ree?» jedhee gaafata fa'a.
1CO 15:36 Ati gowwa'a! Midhaan ati facaattu yoo du'e malee, mudhee jiruu hin qabaatu.
1CO 15:37 Sanyiin qamadi'ii yookiin midhaan dhibiin ka ati facaattu, sanyuma qofa malee, nafa midhaanii ka latu sanii moti.
1CO 15:38 Waaqi ammoo akka jaalatetti nafa hin kennaaf; tokko tokkoofille akkuma gosa sanyi'iititti nafa hin kennaaf.
1CO 15:39 Foon marti tokkoo moti; foon namaa gosa tokko; foon bineensaa ka dhibi'i; ka sinbirrootaa ka dhibi'i; ka qurxummi'iille ka dhibi'i.
1CO 15:40 Nafi worra ol-gubba'aa jira; nafi worra lafaalle jira. Teetuu malee ulfinni nafa worra ol-gubba'aa gosa tokko; ulfinni nafa worra lafaalle gosa dhibi'i.
1CO 15:41 Ulfinni adu'uu gosa tokko; ulfinni ji'aa ka dhibi'i; ulfinni urjootaalle gosa dhibi'i; urjiin takka ulfinna urjii dhibi'ii irraa adda te'e qaddi.
1CO 15:42 Ka'iis worra du'eelle akkasuma te'a. Nafi du'ee awwaalamee badu, nafa jiraataa hin banne te'ee ka'a.
1CO 15:43 Nafi salphinnaan awwaalame, ulfinnaan hin ka'a; nafi dadhabaan awwaalame, hunnaamessa te'ee hin ka'a.
1CO 15:44 Nafa foonii te'ee ka awwaalame nafa ayyaanticha te'ee hin ka'a. Maarre nafi foonii eega jiraate, nafi ayyaantichille jira.
1CO 15:45 Barreeffam woyyichi, «Nami qaraa Addaam foon jiruu qabu te'e» jedha; Addaamiin duuba ammoo, Ayyaana jiruu kennu te'e.
1CO 15:46 Ka dura dhufe nafa fooniiti malee, nafa ayyaantichaa moti. Nafi ayyaantichi nafa foonii saniin duuba dhufe.
1CO 15:47 Nami duraa Addaam lafa irraa waan dadameef, nama biyya lafaati; namichi lammeesso'oo ol-gubbaa irraa dhufe.
1CO 15:48 Worra lafaa ka te'ane, namicha lafa irraa dadame fakkaatan; worra ol-gubba'aa ka te'ane nama ol-gubba'aa dhufe fakkaatan.
1CO 15:49 Nafa nama lafa irraa dadamee akkuma fakkaannu, akkasuma nafa nama ol-gubba'aalle hin fakkaanna.
1CO 15:50 Obboleeyyan tiyya! Nami foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqaa dhaaluu akka hin dandeenne, yookiin nafi du'aan badu nafa jiraataa hin banne akka hin dhaalle isinitti hima.
1CO 15:51 Ani dhossaa takka isinitti hima. Nuuti maraa hin jijjiiranna malee hin duunu.
1CO 15:52 Tultullaan muumme'ee yennaa afuufamu, nuuti akka lipheettii ilaa takkumaan hin jijjiiranna. Tultullaan hin afuufama; worri du'e ka hin banne te'ee hin ka'a; nuutille hin jijjiiranna.
1CO 15:53 Nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune uffatuu qaba.
1CO 15:54 Maarre nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune yennaa uffatu, Barreeffam woyyichi, «Duuti injifacha'aan liqinfante»;
1CO 15:55 akkasuma, «Du'a! Injifannaan teeti meet? Du'a! Hunni ati namaan miitu meet?» jedhu hin muummowa.
1CO 15:56 Hunni ilkattii du'aa cubbu'u; hunni cubbu'uulle seera.
1CO 15:57 Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu'uu kennuuf galanni te'u!
1CO 15:58 Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha'aa dhaabbadha'a. Waan tokkolle'een hin daaqina'a. Hujii Gootta'aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te'in beeka'aatii, yennaa mara hujii Gootta'aa hujiisaaf jabaadha'a.
1CO 16:1 Amma marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ilaalchisee, waan ani wolde'a kiristaana Galaatiya'aatii hime, isinille godha'a.
1CO 16:2 Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti.
1CO 16:3 Ani yennaa dhufu, worra isin filattaneef xalayaa geegessa'aa kennee, kennansa isin kennitane gara Yerusaalemii akka geessanuuf hin erga.
1CO 16:4 Akka ani dhaquuf barbaachisaa yoo teete ammoo, isaan na woliin hin dhaqan.
1CO 16:5 Ani karaa Meqedooniya'aatiin dhaqiisaaf waan hedeef, biyya Meqedooniya'aa keessa tareen duuba, gara keessan hin dhufa.
1CO 16:6 Qarqaarsa addee ani dhaqu maraaf naa te'u akka naaf gootanu, ani isin bira hin tura fa'a te'a. Ani ganna guutuulle isin bira turuu dande'a fa'a.
1CO 16:7 Amma yennaa taru isin dubbisuu hin barbaadu; yoo Goottaan jedhe, yennaa diqqoo dheertuu isin bira akka turu hin addadha.
1CO 16:8 Haga guyyaa jila Phenxeqosxe'eetitti ammoo, qachaa Efesoonii keessa hin tura.
1CO 16:9 Balbalti badhoon bu'aa qabeettiin naaf bananteerti. Worri ana mormu ammoo heddu'u.
1CO 16:10 Ximootewoos gara keessan yennaa dhufe, akka inni sodaa malee isin woliin tee'u akka gootanu hubadha'a; sababille inni akkuma kiyya hujii Gootta'aa hujaara.
1CO 16:11 Nami tokkolle isa hin tuffatin; ammoo akka inni nageyaan gara kiyya deebi'u isa gargaara'a. Deebi'iisa isaa obboleeyyan woliin eegiisatti jirra.
1CO 16:12 Marroo obboleessa keenna Apholoosiille, akka inni obboleeyyan dhibii woliin dhufee isin ilaaluuf, guddoo isa magannifadhe. Inni ammoo amma dhufiisa hin barbaadu; te'uu malee yoo itti tolte hin dhufa.
1CO 16:13 Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a.
1CO 16:14 Waan hujjanu mara jaalalaan huja'a.
1CO 16:15 Obboleeyyan tiyya! Isxifaanosii fi maatiin isaa lafa Akaayya'aa keessatti kiristaana jalqabaa akka te'anee fi dhugeeffattoota tajaajiliisaaf akka ifi kennane hin beettan.
1CO 16:16 Namoota akkasiitii fi worra isaan woliin hujaa dadhabanuuf akka ajajantanuuf isin kadhadha'a.
1CO 16:17 Dhutti Isxifaanosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiitteerti. Sababille waan isin na woliin as hin jiraatiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran.
1CO 16:18 Isaan gadhaa kiyyaa fi keessan gabbi tolchaneeran. Worra akkasii kana yaadadha'a.
1CO 16:19 Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman.
1CO 16:20 Dhugeeffattooti asi jiranu duudiin nageya isinii dhaaman. Sunqata woyyichaan nageya wol fuudha'a.
1CO 16:21 Nageya kana ani Phawuloos harkuma kiyyaan isinii barreesse.
1CO 16:22 Ka Goottaa hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame te'uu ti! Goottaa keenna koottu!
1CO 16:23 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuusii isin woliin jiraatu.
1CO 16:24 Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen.
2CO 1:1 Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa: Wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka qachaa Qorontoosii keessa jiruu fi kolbaa Waaqaa ta lafa Akaayya'aa duudii keessa jirtu maraaf:
2CO 1:2 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.
2CO 1:3 Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti'iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te'u.
2CO 1:4 Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.
2CO 1:5 Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna.
2CO 1:6 Nuuti yennaa rakkannu isin jajjabeennaa fi fayyinna dhaggattan; yennaa jajjabaannulle rakkoo akka nuuti fudhannee, isinille ossaan fudhattanee hin jajjabaattan.
2CO 1:7 Isin rakkoo teenna akkuma qoodantanu, akkasuma jajjabeenna nuuti fudhannu akka qoodantanu waan beennuuf, addiin nuuti isin irratti qannu ijjumaa hin tachootu.
2CO 1:8 Obboleeyyan tiyya! Rakkoo lafa Asiya'aa keessatti nu dhaqqadde, akka beettanu barbaanna. Rakkoon nu dhaqqadde sun guddoo ulfaattu'uu fi hunna teennaan ol waan teeteef, addii jiru'uun le'iisaa kutanneerraayyu.
2CO 1:9 Akka waan muraan du'aa nutti murantee nu'utti dhage'ameeraayyu; ammoo Waaqa worra du'ane kaasu callaa malee, ifii keenna akka hin addanneef tun teete.
2CO 1:10 Waaqi balaa du'aa ka akkasii jalaa nu baaseera, hin baasalle'e; ammalle akka nu baasu addii isatti godhanneerra.
2CO 1:11 Isinille daadimannaa teessaniin nu qarqaaruu qaddan. Daadimannaa heddu'uun qarqaarsa Waaqaa yennaa dhaggannu, worri hedduun sababa keennaaf Waaqa hin galateeffata.
2CO 1:12 Amma wonni nuuti ifi jajannuun kana: Le'iin nuuti biyya lafaa tana keessa leene, keessattuu akki nuuti isin woliin leene, woyyumma'aa fi qajeelummaa Waaqa irraa dhagganneen akka te'e wodanaan keenna dhugaa baya. Kunille badhaadha Waaqaatiin malee, qarummaa namaatiinii moti.
2CO 1:13 Nuuti waan isin dubbifattanee hubatu'uu dandeettanu malee, waan dhibii womaa isiniif hin barreessinu.
2CO 1:14 Isin amma marroo teenna gamisa beettan; duuba irra ammoo guutattanee akka hubattanu hin addadha. Sababa kanaan guyyaa Goottaan Yesuus dhufu akkuma nuuti isiniin ifi jajanu, isinille nu'uun ifi jajjan.
2CO 1:15 Ani waan kana waan beekeeruuf, yennaa lama akka isin fayyadantanuuf jedhee, matooma gara keessan dhufiisaaf karoora baafadheeraayyu.
2CO 1:16 Ani gara Maqedooniya'aa yennaa taruu fi achii yennaa deebi'u isin ilaaliisaaf karoora baafadheera. Isinille yennaa san deensa kiyya ka ani gara lafa Yihuda'aa dhaquuf na hin qarqaartan jedhee yaadadheera.
2CO 1:17 Yennaa karoora kana baafadhe, nama yaada lamaa isinitti fakkaadhaa? Yookiin tana karoorfatiisaan yennaa tokkotti «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhaa yaada namaatiin waan godhe seetanii?
2CO 1:18 Waaqi addatamaa waan te'eef, wonni nuuti isinitti hinnu jecha yaada lamaa ka «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhuu moti.
2CO 1:19 Ilmi Waaqaa Yesuus Kiristoos ka Siilaas, Ximootewoosii fi ani odduu teessanitti lallanne jecha yennaa maraa, «Eeti'i» jedhuun malee, jecha yaada lamaa ka, «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhuunii moti.
2CO 1:20 Waadaan Waaqi nu'uuf gale duudiin karaa Kiristoosiitiin, «Eetii» te'a. Tanaaf nuutille ulfinna Waaqaatiif karaa Kiristoosiitiin, «Ameen» jenna.
2CO 1:21 Nuuti isin woliin Kiristoositti akka jabaannu ka godhe Waaqa; hujii tanaaf ka nu muudelle isa.
2CO 1:22 Ka isaa te'uu keennaaf beessisa ifii nu irratti godhee, karra hegeri nuu kennuuf akka qaddi'iititti Ayyaana Woyyicha ifii gadhaa keenna keessa ka keye isa.
2CO 1:23 Wonni ani gara lafa Qorontoosii deebi'ee dhufuu dhabeef, akka isin hin gaddisiinne isiniif nayee ti; kanalle'eef Waaqi naaf dhuga'a.
2CO 1:24 Isin dhugeeffanna'aan jabaattanee waan dhaabbattaneef, akka gammaddanuuf isin woliin hujaarra malee, dhugeeffannaa teessan irratti ifi goottonsiisaafii moti.
2CO 2:1 Ani deebi'ee isin gaddisiisu'uuf gara keessan akka hin dhunne murteeffadheera.
2CO 2:2 Ani yoo isin gaddisiiselle, isinuma worra ani gaddisiise malee, eentu na gammachiisa ree?
2CO 2:3 Ani gara keessan yennaa dhufu, worri na gammachiisu'uu male akka na hin gaddisiinneef jedhee, akka san isiniif barreesse. Sababille gammadi kiyya gammada keessan maraa akka te'e hin addadha.
2CO 2:4 Gadda gudda'aan, gadhaa laalatee fi imimmaan hedduu buusee wonni isiniif barreesse, akka ani guddoo isin jaaladhu akka beettanuuf malee, isin gaddisiisiisaafii moti.
2CO 2:5 Nami nama gaddisiise yoo jiraate inni ka gaddisiise anaa moti; yakkaa itti o'isiisa hin te'in malee, gara tokkoon inni isin duudii gaddisiise.
2CO 2:6 Nama akkasii kana, adabbiin isin hedduun adaddane hin geetti.
2CO 2:7 Namichi kun guddoo gaddiisa irraa ka ka'e addii akka hin kutanne, isaaf araarantanee jajjabeessuu qaddan.
2CO 2:8 Maarre isa jaalatuu keessan akka mirkaneessitanu isin kadhadha.
2CO 2:9 Ani haga isin ilaalee, waan maraan ka ajajantanu te'iisa keessan beekiisaaf isiniif barreesse.
2CO 2:10 Nama isin araarantanuuf, anille hin araaramaaf. Wonni ani namaaf araaramu'uu male yoo jiraatte, sababa keessaniif jedhee fuula Kiristoosii duratti araarameera.
2CO 2:11 Hujii hantuu seexanaa waan beennuuf, akka inni nu hin gowwoonsineef jedhee tana godhaara.
2CO 2:12 Oduu Gammadaa ta Kiristoosii lallabiisaaf, yennaa ani gara qachaa Xiro'aasii dhaqe, Goottaan balbala tajaajilaa naaf baneeraayyu.
2CO 2:13 Ammoo obboleessa kiyya Tiitoos achitti waan dhagguu dhabeef, yaadi kiyya hin foorfanne. Maarre worra achi jirutti nageya dhaamee gara Maqedooniya'aa tare.
2CO 2:14 Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkumsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddowaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te'uu ti.
2CO 2:15 Nuuti worra fayyuufille te'e, worra baduuf akka dakkara foolee dansaa qadduu teenee, Kiristoosiin worra Waaqaaf dhikaateeru.
2CO 2:16 Nuuti, worra baduuf foolee gara du'aa geessitu; worra fayyuuf ammoo foolee gara jiru'uu geessitu. Yoona hujii akkasii tanaaf ka dandeettii qabu eennu?
2CO 2:17 Nuuti akka worra Waaqaan ergameetitti tajaajiltoota Kiristoosii teenee, fuula Waaqaa duratti gadhaa qullu'uun dubbanna malee, akka namoota hedduu Jecha Waaqaa bu'a'aaf daldalanuutii moti.
2CO 3:1 Nuuti ammalle ifi saaduu jalqabaarraa? Yookiin akkuma worri gariin godhu xalayaa deeggarsaa gara keessan fidatuu yookiin isin irraa fudhatuu nu barbaachisaa ree?
2CO 3:2 Xalayaan keenna ka akka nami duudiin beekuu fi dubbisuuf gadhaa keenna keessatti barreeffameeru isinuma.
2CO 3:3 Isin tajaajila keennaan xalayaa Kiristoosii te'uun keessan ifa. Xalayaan kun hallu'uun adoo hin te'in, Ayyaana Waaqa jiraata'aatiin, gabatee dhaka'aa irratti adoo hin te'in gadhaa namaa keessatti barreeffameera.
2CO 3:4 Nuuti karaa Kiristoosiitiin Waaqatti addii waan qannuuf tana jenna.
2CO 3:5 Nuuti dandeettii teennaan tana goona waan jennu takkaalle hin qannu; dandeettiin teenna Waaqa irraa dhutti.
2CO 3:6 Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu'uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube'een barreeffameetii moti. Seerri qube'een barreeffame du'a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna.
2CO 3:7 Seerri dhakaa baxxicha irratti qube'een bocameeraayyu; ifi yennaa seerri kenname jiru kuun badaa ka deemu te'ulle, kolbaan Israa'elii fuula muuse'eetitti ila qaddee ilaaliisaaf hin dandeenne. Eegasuu seerri du'a fide ulfinna akkanaatiin yoo mudhate,
2CO 3:8 tajaajilli karaa Ayyaana Woyyichaatiin dhaggamu ulfinna kana caalu attam hin qabaanne ree?
2CO 3:9 Tajaajilli yakkaa namatti muru ulfinna haganaa ka qabu yoo te'e, tajaajilli nama balchoonsu attam ulfinna caalu qabaatuu dhaba ree?
2CO 3:10 Ulfinni duuba irraa ka akka malee caalu waan te'eef, ulfinni dur tare akka woy hin qanneetitti laakkowama.
2CO 3:11 Wonni caararrowaa deentuuyyuu ulfinna haganaa ka qaddu eega teete, wonni haga bara baraa jiraatu ammoo ulfinna akka malee caalu attam hin qabaanne ree?
2CO 3:12 Addii akkanaa waan qannuuf, sodaa malee dubbanna.
2CO 3:13 Nuuti akka muuse'eetii moti; inni calalaqa fuulaa ka badu san kolbaan Israa'elii akka hin dhaggineef fuula ifii gollate.
2CO 3:14 Qalbiin isaanii dhugumaan dillootteerti; haga guyyaa adhaalle kitaaba Gondooroo Qaraa yennaa dubbisanu qalbiin isaanii gollaa saniin akkuma gollanteen jirti. Gollaan tunille karaa Kiristoosii qofaan ka baddu waan teeteef tun teete.
2CO 3:15 Haga adhaalle yennaa isaan kitaaba Seera Muuse'ee dubbisanu mara, qalbiin isaanii golla'aan gollanti.
2CO 3:16 Ammoo yennaa nami gara Gootta'aa deebi'u gollaan hin baddi.
2CO 3:17 Goottaan Ayyaana; addee Ayyaanni Gootta'aa jirutti bilisummaan hin jirti.
2CO 3:18 Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw'iti'iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te'ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna.
2CO 4:1 Waaqi marartii ifiitiin tajaajila kana waan nu'uu kenneef addii hin kutannu.
2CO 4:2 Nuuti waan dhossa'aa fi fokkisiisaa te'e lakkinneerra; maltumma'aan hin hunyu; Jecha Waaqaalle hin micciirru; addee akkasii dhugaa ifatti baannee mudhinna; ifille wodanaa nama maraatiif fuula Waaqaa duratti ifa goona.
2CO 4:3 Oduun Gammadaa ta nuuti lallannu yoo gollantelle, worra baduuf gollante.
2CO 4:4 Bulchaa biyya lafa tanaa ka te'e Seexanni qalbii worra hin dhugeeffannee jaamseera; inni Oduu Gammadaa ta ulfinna Kiristoosii isaanii issitu, ta bifa Waaqaatiin mudhatte akka isaan hin dhaggine godheera.
2CO 4:5 Nuuti Yesuus Kiristoos Goottaa akka te'ee fi nuutille marroo isaatiif tajaajiltoota teessan akka teene lallabaarra malee, marroo teennaa moti.
2CO 4:6 Waaqi, «Ifi dukkana keessatti ifuu ti» jedhee dubbate, ifa beekkumsa ulfinna ifii ka fuula Kiristoosii irraa mudhatu, gadhaa keenna keessatti akka ifu godhe.
2CO 4:7 Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu'u irraa akka hin te'in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra.
2CO 4:8 Karaa maraan hin rakkanna, ammoo hin injifatannu; yennaa hedduu waan goonu hin wollaalla, ammoo addii hin kutannu.
2CO 4:9 Miidhaan nu'u irra hin geya, ammoo jaalota dhannee hin beennu; dhowannee hin jinna, ammoo hin duunu.
2CO 4:10 Jiruun Yesuusii nafa keenna irratti akka mudhatu, yennaa duudii du'a isaa nafa keenna irratti ba'annee deddeenna.
2CO 4:11 Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du'u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du'aaf dabarfannee hin kennanna.
2CO 4:12 Maarre nuuti yennaa maraa afaan du'aa jirra, isin ammoo afaan jiru'u jirtan.
2CO 4:13 Teetuu malee Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ani dhugeeffadhe; tanaaf dubbadhe» akkuma jedhante, nuutille ayyaanuma dhugeeffanna'aa san waan qannuuf hin dhugeeffanna. Sababa kanaaf hin dubbanna.
2CO 4:14 Waaqi ka Goottaa Yesuus du'aa kaase, nu'ulle Yesuus woliin akka kaasuu fi isin wolille'een ifi duratti akka dhikeessu hin beenna.
2CO 4:15 Akkuma badhaadhi Waaqaa irra caalaa fakkanaa worra hedduu dhaqqabaa deemuun, worri ulfinna Waaqaatiif galata dhikeessu akka heddatuuf tun duudiin isiniif teete.
2CO 4:16 Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba'aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya'aan hin haareffama.
2CO 4:17 Rakkoon teenna diqqo'oo fi ta haga yenna'aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti.
2CO 4:18 Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna'aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti.
2CO 5:1 Nafi keenna ka lafa tanaa, ka akka dunkaani'ii keessa leenu yennaa diigame, mana harka namaatiin hin ijaaramin, ka Waaqi ol-gubba'atti ijaare akka qannu hin beenna.
2CO 5:2 Ammaa tana nuuti nafa ol-gubba'aa uffatiisaaf dharra'iisaan aadiisatti jirra.
2CO 5:3 Isa san yennaa uffanne qullaa jiraannee hin dhaggannu.
2CO 5:4 Dunkaana lafa tanaa keessa haga jirru, ba'aan nu'utti ulfaattee aadaarra; wonni nuuti aadaarruuf duuti jiru'uun jijjiirantee, nafa ol-gubba'aa akka uffannuuf malee, nafa keenna ka lafa tanaa irraa adda bayiisa barbaanneetii moti.
2CO 5:5 Jijjiirama kanaaf ka nu qopheesselle Waaqa; san caalaalle waan nu'uuf kennamu maraaf akka qaddii te'uuf, ayyaana ifii ka nu'uuf kenne isa.
2CO 5:6 Nafa keenna ka lafa tanaatiin haga jirru, Goottaa irraa ka fagaanne akka teene yoo beennelle, yennaa maraa isatti addanna.
2CO 5:7 Nuuti ka jiraannulle dhugeeffanna'aan malee, isa dhaggiisaanii moti.
2CO 5:8 Nuuti nafa akka mana keennaa te'e kana irraa adda baanee, Goottaa woliin jiraatiisaaf hin halchina; tanaaf ifi addi'iin leena.
2CO 5:9 Nuuti nafa keenna kanaan jiraannulle, jiraatuu dhannulle, yaadi keenna Goottaa gammachiisu'u.
2CO 5:10 Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te'e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura'aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna.
2CO 5:11 Tanaaf Goottaa sodaatiis maan akka te'e waan beennuuf, worra dhibii hin hubachiinna. Nuuti maan akka teenelle Waaqi hin beeka; isinille gadhaa keessan keessatti nuuti maan akka teene akka beettanu hin addadha.
2CO 5:12 Worra keessa ifiitiin adoo hin te'in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu'uun akka ifi jajjanuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti.
2CO 5:13 Nuuti maraataa yoo teene Waaqaaf jennee ti; worra qalbii qabu yoo teenelle isiniif jennee ti.
2CO 5:14 Kiristoos nama duudi'iif akka du'ee fi nami duudiin du'a isaa ka qoodamu akka te'e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqansiisa.
2CO 5:15 Worri jiru'uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du'ee du'aa ka'eef akka le'anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du'e.
2CO 5:16 Maarre nuuti ammaa achi eennulle'etti fuula ilaallee hin murru. Tanaan qara Kiristoositti akkana gooneelle yoo jiraanne, haganaa achi akkana hin goonu.
2CO 5:17 Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.
2CO 5:18 Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu'uu kenneen teete.
2CO 5:19 Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu'u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu'ulle'eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.
2CO 5:20 Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu'oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama'a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna.
2CO 5:21 Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba'atu godhe.
2CO 6:1 Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna.
2CO 6:2 Waaqi, «Yennaa na biratti fudhatama qaddutti ani si caqase; Guyyaa fayyinna keetii, ani si qarqaare» jedha. Kunoo dhage'a'a yennaan fudhatama qaddu amma; guyyaan fayyinnaalle adha.
2CO 6:3 Tajaajilli keenna akka hin tuffatanne, eennulle'eef gufuu hin teenu.
2CO 6:4 Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina.
2CO 6:5 Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji'iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan;
2CO 6:6 akkasuma qulqullumma'aan, beekkumsaan, ossaan, arjumma'aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga'aatiin,
2CO 6:7 jecha dhuga'aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, mey keenna ka woraanaa balchumma'a.
2CO 6:8 Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra;
2CO 6:9 ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du'aneeran yoo jedhanu, jiru'uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne;
2CO 6:10 gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.
2CO 6:11 Worra Qorontoos keessa leetanu! Nuuti ifa tolchinee isinitti dubbanneerra; gadhaa keennalle badhinnee isinii banneerra.
2CO 6:12 Isinumatti gadhaa nu irraa kutate malee, nuuti isin irraa hin kutanne.
2CO 6:13 Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha.
2CO 6:14 Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina'a. Balchumma'aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande'an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande'an?
2CO 6:15 Kiristoosii fi Seexanni attam wolii galuu dande'an? Nami dhugeeffatuu fi nami hin dhugeeffanne maan woliin qaba?
2CO 6:16 Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu, «Mana kiyya kolbaa tiyya oddu'utti hin godha; odduu isaaniille hin le'a; Ani Waaqa isaanii hin te'a, isaanille kolbaa tiyya hin te'an» jedhe, nuuti Galma Waaqa jiraata'aa ti.
2CO 6:17 Ammalle Goottaan, «Isin odduu isaaniitii fowama'atii baya'a; waan battii te'e hin tuqina'a. Anille isin hin fudhadha;
2CO 6:18 Ani Abbaa keessan hin te'a, isinille ilmaan tiyya ta dhiiraatii fi durraa hin teetan jedha Goottaan waan mara dande'u» jedheera.
2CO 7:1 Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu'uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa'a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa'a goona.
2CO 7:2 Gadhaa nuu badhadha'a. Nuuti nama tokkolle hin yakkine; nama tokkoolle hin miine; yookiin eennulle itti fayyadama keenna hin godhanne.
2CO 7:3 Ani yakkaa isinitti muru'uuf tana jedhiisatti hin jiru; akkuma ani tanaan qara isinitti hime isin gadhaa keenna keessa jirtan. Tanaaf jiru'uu fi du'alle'een yennaa mara isin irraa gargar hin baanu.
2CO 7:4 Addiin ani isin irratti qabu guddo'o; guddoo isiniin ifi jaja; guddoolle jajjabaadheera; rakkoo teenna mara keessatti ani akka malee gammade.
2CO 7:5 Yennaa lafa Maqedooniya'aa geennelle, rakkoon karaa adda addaatiin nu dhaqqadde malee hin foorfanne; alaan lola, keessa keennaan sodaa qannaayyu.
2CO 7:6 Waaqi worra se'a cabe jajjabeessu ammoo, dhufa Tiitoosiitiin nu jajjabeesseera.
2CO 7:7 Nuuti dhufa isaa qofaan adoo hin te'in, akka isin isa jajjabeessitanelle waan dhageenneef jajjabaanneerra. Akkasuma dharraa, gaddaa fi yaaddoo naaf qaddanu yennaa nu'utti hime, ani caalaa gammade.
2CO 7:8 Ergaan ani tanaan qara isiniif barreesse ta isin gaddisiittu teetulle, ergaa san waan barreesseef hin gaabbu; gaabbee yoo jiraadhelle ergaan tiyya haga diqqo'oof waan isin gaddisiitteef gaabbe.
2CO 7:9 Amma ammoo waan isin gaddisiiseef adoo hin te'in, gaddi keessan akka cubbuu irraa deebitanu waan isin godheef ani hin gammada. Gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan te'eef, nuuti waan tokkolle'een isin hin miine.
2CO 7:10 Gaddi akka fedha Waaqaa te'e, nama cubbuu irraa deebisee gara fayyinnaa geessa malee, hin gaabbisiisu. Gaddi biyya lafaa ammoo du'a fida.
2CO 7:11 Gaddi keessan ka akka fedha Waaqaa te'e kun haajamuu attamii, falmata attamii, mufii attamii, sodaa attamii, dharraa attamii, hinaaffaa attamiitii fi dokonkora adabiisa akka feetanu akka isin godhe ilaala'a. Isin ammoo waan ani tanaan dura isinii barreesse irraa bilisa akka teetane mirkaneessitaneertan.
2CO 7:12 Maarre ani isiniif barreessulle, hinaaffaan isin fuula Waaqaa duratti nu'uuf qaddanu akka isiniif ifa teetu malee, marroo nama yakkaa hujeetii fi yakkametiifii moti.
2CO 7:13 Jajjabeenna keenna caalaa gammada Tiitoos dhaggateen ka caalu gammanneerra; wonni nuuti gammanneefille isin duudiin Tiitoos waan jajjabeessitanee fi yaada isaa foorfachiittaneef.
2CO 7:14 Ani ifi jajiisa isiniin qabu Tiitoositti himeeraayyu; isinille na hin qaanessine; nuuti yennaa maraa dhugaa isinitti hinneerra; maarre ifi jajiis marroo teessaniif Tiitoositti hinne, dhugaa akka teete mirkanootteerti.
2CO 7:15 Isin duudiin Tiitoosiif ajajamaa, soda'aa fi rorommiisaan akka isa fudhattane yennaa qaabatu, jaalaltiin inni isiniif qabu ittuma ede'ante.
2CO 7:16 Ani karaa maraan isinitti addatiisa waan dande'eef guddoo gammadeera.
2CO 8:1 Obboleeyyan tiyya! Badhaadha Waaqi wolde'oota kiristaana lafa Maqedooniya'aatiif kenne akka beettanu barbaanna.
2CO 8:2 Isaan rakkinna gudda'aan haga ilaallamaneeran; te'uu malee gammadi isaanii gudda'a; isaan akka malee hiyyeeyyii te'anulle, guddoo arjoomaneeran.
2CO 8:3 Isaan haga dande'anuu fi haga dande'anuun caalaa, fedhii ifiitiin akka kennane ani isaaniif dhugaa hin baya.
2CO 8:4 Carraa qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta biyya Yihuda'aa keessa jirtuuf kenniisa irratti hirmaatiisaaf magannifatanee nu kadhatane;
2CO 8:5 haga nuuti isaan irraa eenne caalaa godhane; matooma Gootta'aaf ifi kennane; itti aansaneelle fedha Waaqaatiin ifi nu'uuf kennaneeran.
2CO 8:6 Hujii tana matooma ka jalqabe Tiitoos waan te'eef, ammalle hujii arjoomaa tana akka muummessu isuma kadhanneerra.
2CO 8:7 Isin dhugeeffanna'aan, haasowaan, beekkumsaan, qarqaariisaaf quxiquxamiisaan, jaalala nu'uuf qaddanulle'een waan maraan hin caaltan; hujii arjoomaa tanalle'een ka caaltanu te'a.
2CO 8:8 Maarre quxiquxamiisa worri dhibiin kenniisaaf qabu keessaniin wol bira qabee ilaaliisaan, jaalaltiin teessan ta dhuga'aa akka teete mirkaneessiisaaf jedheeti malee, isin ajajiisaafii moti.
2CO 8:9 Isin badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin beettan; inni dureessa adoo te'eeruu, hiyyummaa isaatiin akka isin dureeyyii teetanuuf isinii jedhee hiyyeessa ifi godhe.
2CO 8:10 Waan kana irratti gorsa isinii dansaa fakkaatee natti mudhate isiniif kenna: Bara engeddaa kenniisa qofaaf adoo hin te'in, waan kana godhiisaaf matooma isinitti barbaade.
2CO 8:11 Tanaaf quxiquxiin isin kenniisaaf qaddanu hujii irra ooltee akka muummottu, haguma qaddanutti waan yaaddane san godha'a.
2CO 8:12 Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.
2CO 8:13 Kana jechuun kiyya ifii dhaddanee worra dhibii rakkoo keessaa akka baattanuuf adoo hin te'in, isin lamaanuu akka wol qixxoottanu.
2CO 8:14 Isin yennaa rakkattanu karri isaanii rakkoo teessaniif akka ooltu, karri teessan amma rakkoo isaaniitiif ooltuu ti. Akka kanaan isin wodhakka'atti wol qixxummaan hin jiraatti.
2CO 8:15 Kunille akkuma Barreeffami Woyyichi, «Ka guddaa wolitti qabate hagaan ol hin qabaanne, ka diqqoo wolitti qabatelle hagaan gad hin qabaanne» jedhu.
2CO 8:16 Akkuma ani isiniif quxiquxamu, Tiitoosille akka isiniif quxiquxamu Waaqi godhe galatoomu.
2CO 8:17 Tiitoos waan nuuti isa kadhanne qofaaf adoo hin te'in, fedhii ifiitiin ka'ee gammadaan gara keessan dhufe.
2CO 8:18 Isa woliin obboleessa Oduu Gammadaa lallabiisaan wolde'oota kiristaanaa duudii keessatti kabajamaa te'e ergaarra.
2CO 8:19 Obboleessi kun kana qofa adoo hin te'in, hujii dansaa tana ulfinna Gootta'aatiif yennaa nuuti muummessinuu fi fedhii dansaa tajaajiliisaaf qannulle yennaa mudhinnu, nu woliin deemiisaan qooda huji'ii nu woliin akka fudhatu wolde'oota kiristaanaatiin fowameera.
2CO 8:20 Kennansa arjoomaa ka wolitti qabame kana qabiisa irratti eennulle akka nu hin komanne ifi eeganna.
2CO 8:21 Yaad keenna waan sirrii te'e fuula Gootta'aa duratti callaa adoo hin te'in, fuulaa worra dhibi'ii durale'etti huju'u.
2CO 8:22 Yennaa hedduu karaa heddu'uun haga isa ilaallee, akka inni nama qarqaariisaaf quxiquxamaa te'e waan dhaggineef obboleessa keenna Tiitoos woliin ergineerra; addiin inni isinitti qabu guddoo waan iteeteef, amma hujii tana qarqaariisaaf ka durii caalaa inni quxiquxi jedheera.
2CO 8:23 Marroo Tiitoosii beekiisa yoo barbaachise, inni isin qarqaariisaaf waa'ela kiyya ka na woliin huju; isa woliin ka dhufanu marroo obboleeyyan dhibi'ii yoo teete, isaan bakka bu'oota wolde'oota kiristaanaa ka ulfinna Kiristoosiitiif dhaabbataneeranu.
2CO 8:24 Tanaaf akka wolde'ooti kiristaanaa jaalalli keessan ka dhuga'aa akka te'ee fi maaf akka nuuti isiniin ifi jajnu akka dhagganu, jaalala keessan isaanii mudhisa'a.
2CO 9:1 Marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta Yihudaa keessa jirtuuf godhamuu, isiniif barreessuun barbaachisa'aa moti.
2CO 9:2 Ani quxiquxamuu keessan waan beekuuf, «Worri Akaayya'aa bara engeddaatiin jalqabee qarqaariisaaf qophoweera» jedhee marroo teessaniif worra Meqedooniya'aa biratti ifi jaje; quxiquxamuun keessanille worra hedduu kakkaaseera.
2CO 9:3 Marroo teessaniif wonni ani waan kana irratti ifi jaju, soba teetee akka hin hanne amma obboleeyyan tana ergaara; isin ammoo akkuma ani jedhetti qophowa'aa eega'a.
2CO 9:4 Worri Maqedooniya'aa na woliin dhufee, adoo isin hin qophowin yoo dhagge, nuuti isinitti addachuu keennaan waan jennu dhannee hin qaanonna; isin fa'a guddoo qaanottan.
2CO 9:5 Maarre obboleeyyan tun anaan dura gara keessan dhufanee, qarqaarsa arjoomiisaaf waadaa galtane dura keessa akka qopheessitanu akka isin qaabachiisanuuf, gara keessan erguun barbaachisaa te'ee natti mudhateera. Akka kanaan ani yennaa dhufu kennansi arjoomaa keessan ka qophowe te'a; isinille dirqamaan adoo hin te'in fedhi'iin akka kennitanu beessisa.
2CO 9:6 «Ka diqqoo facaase diqqoo galfata; ka hedduu facaase hedduu galfata» yaada jedhu qaabadha'a.
2CO 9:7 Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin.
2CO 9:8 Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa'aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande'a.
2CO 9:9 Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi, «Worra hiyyeeyyi'iif arjoomaan kenne; balchummaan isaalle haga bara baraa jiraatti» jedhu.
2CO 9:10 Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa.
2CO 9:11 Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa.
2CO 9:12 Tajaajilli keessan kun dhidhuu kolbaa Waaqaa guutiisa qofa adoo hin te'in, akka galata guddaa Waaqaaf dhikeessanu godha.
2CO 9:13 Tajaajilli arjooma keessanii kun, Wongeela Kiristoosii fudhattanee ajajamuu keessan, isaanii fi worra dhibiille'eef arjoomuu keessan waan mirkaneessuuf, nami hedduun Waaqa hin leellisa.
2CO 9:14 Isaanille badhaadha guddaa Waaqi waan isinii kenneef, isin dharra'aa isinii daadimatan.
2CO 9:15 Kennaa isaa ta hagana hin jedhanneef, Waaqi galatoomu.
2CO 10:1 Ani Phawuloos yennaa isin bira jiru nama, «Nama ila laafu» jedhame; yennaa isin irraa fagaadhe ammoo, «Nama ila jabaatu» jedhame; gadhi laaffinnaa fi arjummaa Kiristoosiitiin,
2CO 10:2 ani yennaa isin bira dhufe ila jabeennaan akka na hin dubbachiinne isin kadhadha; worra akka yaada fooniititti deddeebina nu seyanu duratti ammoo, ila jabeennaan dubbatiisaaf barbaada.
2CO 10:3 Biyya lafaa keessa leenulle, nuuti akka biyya lafaa hin lollu.
2CO 10:4 Mey woraanaa keennalle ka kushee diigiisaaf dandeessisu, ka hunna Waaqaa qabu malee, meya woraanaa ka biyya lafaatii moti.
2CO 10:5 Waaqa beekiisa irratti moroma'aa fi kijiba gufuu te'ee ka'u duudii hin balleessina; yaada namaa duudiille booji'aa Kiristoosiif akka ajajamu goona.
2CO 10:6 Eega ajajamuun keessan muummowe, ajajama dhaba duudii adabiisaaf hin qophoonna.
2CO 10:7 Isin waan ila duratti mudhatu qofa ilaaltan. Nami tokko ani ka Kiristoosii ti jedhee yoo ifi addate, nuutille akkuma isaatuu ka Kiristoosii te'uu kenna hubatuu ti.
2CO 10:8 Marroo baallii Goottaan nuu kenneetiif, yoo guddoo ifi jajelle itti hin fokkiffadhu; baalliin tun isin ijaariisaaf malee, isin diigiisaaf hin kennanne.
2CO 10:9 Ani xalayaa kiyyaan akka waan isin sodaachisiisatti jiruu akka yaaddanu hin fedhu.
2CO 10:10 Worri gariin, «Ergaan Phawuloosii jajjaddu'uu fi ulfaattu'u; inni ammoo yennaa nu biratti dhaggamu dadhaba'a; dubbiin isaalle goofa» jedhan fa'a teeti.
2CO 10:11 Worri akkasii waan nuuti fagoo jiraannee barreessinuu fi waan yennaa isin woliin jirru hunyu odduu garaa garummaan akka hin jirre hubatuu ti.
2CO 10:12 Nuuti worra ifi saadutti ifi laakkowu'uuf yookiin isaaniin wol biratti ifi qannee ilaaliisaaf ila hin jabaannu. Isaan ammoo ifiinuu ifi waan madaalanuu fi ifiinuu ifi wol biratti qabanee ifi waan ilaalanuuf gowwoole'e.
2CO 10:13 Nuuti ammoo haga isin bira geennulle'etti, meessaa tajaajila Waaqi nuu kenneen ifi jajaarra malee, haga irra tarree ifi hin jajnu.
2CO 10:14 Isinille meessaa tajaajila keennaa keessa waan jirtanuuf, nuuti Oduu Gammadaa ta Kiristoosii gara keessan finnee yennaa dhunne meessaa san hin tarre.
2CO 10:15 Tanaaf meessaa Waaqi nuu murteesse irra dabarree, hujii worra dhibi'iitiin haga malee ifi hin jajnu; addee akkasii dhugeeffannaan teessan akka guddattuu fi hujii teennalle haga meessaa Waaqi nuu murteesseetitti, odduu teessanitti irra caalaa akka babadhatu hin addanna.
2CO 10:16 Maarre meessaa tajaajila nama dhibi'ii keessa seennee, hujii tanaan qara hujanteen adoo ifi hin jajin, biyyoota isiniin gamaatille'etti Oduu Gammadaa lallabuu hin dandeenna.
2CO 10:17 Ammoo akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Ka ifi jajuu Gootta'aan ifi jajuu ti».
2CO 10:18 Sababille nama Goottaan saadutti fudhatama qaba malee, nami ifi saadu fudhatama hin qabu.
2CO 11:1 Ani diqqoo gowwoomulle akka naa ossattanu hin addadha; maganne'ee na ossadha'a.
2CO 11:2 Ani akka durra duudduu qulqullitti'ii Kiristoosii abbaa manaa tokkochatti, isin heerumsiisiisaaf waan isin kadhadheeruuf, akkuma Waaqi hinaafu anille isin hinaafa.
2CO 11:3 Akkuma bofi maltumma'aan Heewwan sobe, yaadi keessanille gara badee qajeelumma'aa fi qulqullummaa Kiristoosiif qaddanu irraa isin milissinaa laati jedhee sodaadha.
2CO 11:4 Nami tokko gara keessan dhufee, Yesuusii nuuti isinitti lallanne malee, Yesuusii dhibii yoo isinitti lallabe yookiin ayyaana kanaan dura fudhattane malee, ayyaana dhibii yoo fudhattane yookiin Wongeela tanaan dura fudhattane malee, Wongeela dhibii yoo fudhattane, cadhittanee itti ilaaltan jechu'u.
2CO 11:5 Ani ammoo karaa tokkolle'een ergantoota guguurddoo tana irraa waan diqqaadhu hin seyu.
2CO 11:6 Ani dandeettii dubbi'ii dhabulle, beekkumsa hin qaba; nuuti yennaa maraa karaa maraan waan kana ifa isiniif gooneerra.
2CO 11:7 Ani gatii malee Oduu Gammadaa ta Waaqaa waan isinii lallabeef, akka isin ol jettanuuf ifi gad qabuu kiyyaan cubbuu hujee ree?
2CO 11:8 Isin tajaajiliisaaf, wolde'oota kiristaanaa dhibii irraa qarqaarsa waan fudhadheef, ani isaan saameera.
2CO 11:9 Yennaa isin woliin jiraataa woy dhabee rakkadhe, obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufane waan naa barbaachisu maraan waan na qaraqaaraneef, ani nama tokkolle'etti ba'aa hin teene. Akkuma tanaan dura ba'aa isinitti te'uu dhabe, gara duraalle ba'aa isinitti hin te'u.
2CO 11:10 Dhugaan Kiristoosii haga na keessa jirtu, eennulle ifi jajuu kiyya kana lafa Akaayya'aa keessatti na hin dhooggu.
2CO 11:11 Ani waan isin hin jaalanneef kana jedhaa? Akka ani isin jaaladhu Waaqinuu hin beeka.
2CO 11:12 Ergantooti dhibiin sun, «Nuutille akkuma isaanii hujaarra» jedhaa sababa ittiin ifi jajanu isaan dhassiisiisaaf, akkuma amma godhiisatti jiru gara duraalle hin godha.
2CO 11:13 Namooti akkasii ergantoota Kiristoosii fakkaatiisaaf worra ifi jijjiiru, ergantoota sobaatii fi hojjattoota maltoole'e.
2CO 11:14 Kunille waan nama baaseffachiisuu moti; Seexanninuu ergantoota ifaa fakkaatiisaaf ifi jijjiira.
2CO 11:15 Tanaaf tajaajiltooti Seexanaa tajaajiltoota balchumma'aa fakkaatiisaaf yoo ifi jijjiirane hin baaseffachiisu. Muummee irratti gatii hujii ifii hin dhaggatan.
2CO 11:16 Ani ammalle isiniin jedha; eennulle gowwaa na hin seyin; yoo seetane ammoo diqqumalle akka ifi jajuuf akka gowwa'aatitti na fudhadha'a.
2CO 11:17 Akka kana ifi jajiisaan yennaa dubbadhu akka gowwa'aa te'eeti malee, akka fedha Gootta'aatii moti.
2CO 11:18 Worri hedduun akka yaada fooniititti ka ifi jaju eega te'e, anille ifi hin jaja.
2CO 11:19 Isin qaroolee waan teetaneef, gowwoolee gammadaan hin ossattan.
2CO 11:20 Nami yoo garba isin godhate yookiin yoo isin irra nyaate yookiin bu'aa ifiitiif yoo isin fayyadame yookiin yoo isin tuffate yookiin yoo isin dhabanaase hin ossattan.
2CO 11:21 Nuuti ammoo waan saniin dadhaboolee te'uu kennaan fokkifataa dubbadha. Eennulle ifi jajiisaaf ila yoo jabaate, anille akkuma isaa ila jabaadhee ifi jaja. Ammalle akka gowwa'aa te'ee tana jedha.
2CO 11:22 Isaan worra Ibirootaatii? Anille nama Ibirootaa ti. Isaan worra Israa'eliitii? Anille nama Israa'elii ti. Isaan sanyii Abrahaamiitii? Anille sanyii Abrahaamii ti.
2CO 11:23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Ani isaan caalaa tajaajilaa Kiristoosii ti. Ani akka maraata'aa tana dubbadha; ani isaan caalaa yennaa hedduu huji'iin dadhabeera, yennaa hedduu hidhameera, yennaa hedduu dikameera, yennaa hedduulle du'a geyeera.
2CO 11:24 Ani lichee soddomii sagal sagal yennaa shan harka Yihudootaatitti dhaanameera.
2CO 11:25 Yennaa sad ciira'aan dhaanameera; yennaa tokko dhaka'aan tumameera; yennaa sad caccab hoboloo gudditti'ii na dhaqqabeera; guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra oolee buleera.
2CO 11:26 Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan saantotaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te'in irraa, balaan qacha'aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle'etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera.
2CO 11:27 Hujii hantuu hujee, akka malee eloweera; yennaa hedduu hirriiba dhabeera; yennaa hedduu beelodhee dheebbodheera; yennaa hedduulle sagalee dhabeeraayyu; boojji'ii fi daara dageera.
2CO 11:28 Waan dhibii lakkisii marroo wolde'oota kiristaanaatiif, guyyuma guyya'aan hedaa yaaddowaa ture.
2CO 11:29 Eentu dadhabeeruun, ani dadhabuu dhabeera? Eentu cubbu'uun gufatuun, gadhaan na laalatuu dhabeera?
2CO 11:30 Ifi jajiis yoo barbaachise, ani waan dadhabbii tiyya mudhisuun ifi jaja.
2CO 11:31 Waaqi, Abbaan Goottaa kenna Yesuus Kiristoosii, ka haga bara baraa galateeffame, akka ani sobaa hin dubbanne hin beeka.
2CO 11:32 Yennaa ani qachaa Damaasqo'oo keessa jiru, bulchaan mooticha Areexaasiin jalatti bulchiisatti jiru, na qassiisiisaaf barbaadee, karroota qacha'aa eeddotaan eessisaa ture.
2CO 11:33 Namooti ammoo, qiriccoo keessa na keyanee urata dalleyaatiin na buusaneeranuun isa jalaa miliqe.
2CO 12:1 Ifi jajiisaan bu'aan dhaggamu jiraatuu dhabulle, ifi jajiisa yoo barbaachise yaadaan dhaggu'uu fi mudhii Goottaan naaf kenneen ifi jaja.
2CO 12:2 Nama ka Kiristoosii te'e tokko beeka; nami kun woggaa kudha afuriin dura, haga ol gubbaa olii fudhatame; akki inni fudhatamelle nafaan te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; Waaqi hin beeka.
2CO 12:3 Ifii ammoo nami kun gara addee gammadaa akka fudhatame hin beeka; teetuu malee nafaan te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; Waaqi hin beeka.
2CO 12:4 Inni gara addee gammadaa fudhatamee, waan jecha namaatiin himamiisaa fi namille dubbatiisaaf hin dandeenne dhage'e.
2CO 12:5 Ani nama akkana jiruun ifi jaja; marroo ifii kiyyaa ammoo, dadhabbii tiyya malee waan ifi jajadhuun hin qabu.
2CO 12:6 Ani dhugaa waan dubbataaruuf, ifi jajiisa yoo barbaadelle ani hin gowwoomu; ammoo eennulle waan na irratti dhagguu fi waan na irraa dhage'u caalaa akka hin herrenneef, ifi jajuu irraa ifi qusadha.
2CO 12:7 Mudhii guddoo tanaan ta kaate akka ani hin koorre, wonni akka qore'ee nafa kiyya woraanee na farrisiisu, ergamaan Seexanaa naa kenname.
2CO 12:8 Wonni na rakkisu kun, akka na lakkittu yennaa sad gara Gootta'aa daadimadhe.
2CO 12:9 Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada.
2CO 12:10 Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te'utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada.
2CO 12:11 Ani akka gowwa'aa dubbadhe; akka ani akkas dubbadhu isinitti na godhe; na deeggaruu ka qaddanu silaa isin; ani woyittuu laakkowamuu dhabulle, worra ergantoota gugurdoo jedhamane karaa tokkolle'een hin hanqadhu.
2CO 12:12 Ani yennaa odduu teessan jiru, hujiin ani ossaan huje, akka ani ergamaa dhuga'aa te'e hin mirkaneessiti. Kunille beessisa, baasaa fi bilbaasota.
2CO 12:13 Ani ijjumaa isinitti ba'aa te'a dhabuu kiyya malee, ani maaniin wolde'oota Kiristaanaa dhibii isin hanqise? Tunille akka yakka'aatitti ta laakkowantu yoo teete naa araarama'a.
2CO 12:14 Gara keessan dhufiisaaf qophowuun kiyya, amma yennaa sadeesso'oo ti; ani isinitti ba'aa te'iisa hin fedhu; ani ka barbaadu isin malee, beesee teessanii moti. Ijoollee ifiitiif karra ka kuusu worra malee, ijoolleen worra ifiitiif karra hin kuuchu.
2CO 12:15 Ani isiniif jedhee waan qabu duudii, ifille dabarsee adoo isiniif kenne guddoo hin gammada. Eega ani akkana guddisee isin jaaladhe, isin diqquma na jaalatanii ree?
2CO 12:16 Maarre teetuutii, akka ani isin irratti ba'aa hin te'in tana wolii galla; ammoo maltumma'aa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seyaartan.
2CO 12:17 Ani namoota gara keessan erge keessaa, karaa nama tokkochaatille'een woy isin irraa nyaadheera ree?
2CO 12:18 Tiitoos gara keessan akka dhufu kadhadhee, obboleessa keenna sanille isa woliin ergeera. Tiitoos woy isin irraa nyaateeraa ree? Anii fi inni ayyaana tokkoonii motii ka isin tajaajille? Ideensi keennalle tokkoo motii ree?
2CO 12:19 Isin duudiin haga ammaa, waan nuuti isin duratti marroo teennaaf falmataarru gootanee ilaalaartanii? Nuuti Kiristoosiin jiraannee, Waaqa duratti dubbataarra. Jaalota tiyya! Nuuti isin ijaariisaaf jennee tana duudii dubbataarra.
2CO 12:20 Yennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu adoo isin hin te'in, anille akka isin barbaaddanu adoo hin te'in, takki wol dhaggina fa'a jedhee sodaadha. Takki fa'a lolli, hinaaffaan, aariin, ifi jaalatuun, maqaa namaa balleessuun, hamiin, kooriisaa fi hogaan odduu teessan jiraatuu jedhee sodaadha'a.
2CO 12:21 Deebi'ee gara keessan yennaa dhufu, Waaqi kiyya isin duratti na fokkisiisa jedhee sodaadha; tanaan qara worri cubbuu battumma'aa, sagaagalumma'aatii fi baalagumma'aa hujane, waan cubbuu irraa hin deebi'iniif gaddda keessa bu'innaa jedhee sodaadha.
2CO 13:1 Gara keessan dhufiis kiyya kun yennaa sadeesso'oo ti; akkuma Barreeffam Woyyichi jedhu, «Himannaan marti dhugaa baatota lamaan yookiin sadiin mirkanootti».
2CO 13:2 Ani yennaa lammeesso'oo isin ilaaliisaaf dhufee isin woliin jiru, isin ifi eeggachiiseera. Ammalle fagoo jiraadhee, worra tanaan qara cubbuu hujee fi worra dhibiille ifi eeggachiisa; amma yennaa gara keessan deebi'ee dhufu eennulle hin hilu.
2CO 13:3 Isin ka ana keessa jiraatee dubbatu Kiristoos akka te'e mirkaneeffatiisaaf barbaaddan; ka isin keessatti mudhatulle hunna isaa ti malee, dadhabbii isaatii moti.
2CO 13:4 Inni fannoo gubba'atti fannifamee ka du'e dadhabbi'iin te'ulle, amma hunna Waaqaatiin jiru'uun le'a; nuutille isa woliin dadhaboolee teeneerra; tokkummaa isin woliin qannuun ammoo, isa woliin hunna Waaqaatiin leena.
2CO 13:5 Dhugeeffanna'aan akka jirtanu beekiisaaf ifi qorqora'a; haga ifi ilaala'a; Yesuus Kiristoos akka isin keessa jiru hin hubannee? Yoo akkas hin te'in haga ilaallatamaan jiddaneertan jechu'u.
2CO 13:6 Nuuti haga ilaallatamaan akka hin jigin hin beettan jedhee addadha.
2CO 13:7 Waan hantuu akka isin hin hunye, gara Waaqa daadimanna; wonni daadimannuufille nuuti haga ilaalcha taruu dhannee yoo dhagganne, isin yennaa maraa waan dansaa akka gootanuuf malee, haga ilaalcha tariisa keenna mudhisiisaafii moti.
2CO 13:8 Nuuti dhuga'aaf hunya malee, waan dhuga'aan mormu tokkolle hujiisaaf hin dandeennu.
2CO 13:9 Nuuti dadhaboolee teenee, isin ammoo jajjaba yennaa teetanu hin gammanna; nuuti akka isin mijuu teetanu daadimanna.
2CO 13:10 Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan naaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii naaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti.
2CO 13:11 Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee'a'a; leetoo teessan sirreeffadha'a; gorsa kiyya dhage'a'a; wolii gala'a; nageyaan le'a'a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.
2CO 13:12 Sunqata woyyichaan wol sunqataa nageya wol fuudha'a.
2CO 13:13 Kolbaan Waaqaa marti nageya isinii dhaanteerti.
2CO 13:14 Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.
GAL 1:1 Namootaan yookiin karaa nama tokkootiin adoo hin te'in, Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa Kiristoos du'aa kaaseen, ergamaa te'ee ka ergame, ana Phawuloos biraa,
GAL 1:2 obboleeyyan na woliin jirtu mara biraa: wolde'oota kiristaanaa ka Galaatiyaa keessa jirtanuuf,
GAL 1:3 Waaqi Abbaan keenna, Goottaan keenna Yesuus Kiristoosille badhaadhaa fi nageya isiniif kennu!
GAL 1:4 Akka fedha Waaqa Abbaa keennaatitti, bara hamaa kana keessaa nu bilisa baasiisaaf jedhee, Kiristoos marroo cubbuu teennaatiif ifi dabarsee kenne.
GAL 1:5 Baraa haga bara baraatitti Waaqaaf ulfinni te'u! Ameen.
GAL 1:6 Badhaadha Kiristoosiitiin ka isin waame irraa garagaltanee, gara oduu gammadaa ta biraa ariifattanee deebi'uun keessan na baaseffachiitteerti.
GAL 1:7 Worri isin kem'i godhiisaa fi Oduu Gammadaa ta Kiristoosii daddasiisaaf barbaadu waan jiruuf tana jedhe malee, dhugumaan Oduun Gammadaa ta biraa hin jirtu.
GAL 1:8 Te'uu malee, nu'ulle yoo te'e, yookiin ergamaa Waaqaa ka ol-gubba'aalle yoo te'e, Oduu Gammadaa ta nuuti isinitti lallanne irraa ta gorte, yoo lallabe ka abaarame te'uu ti!
GAL 1:9 Akkuma tanaan dura dubbadhe, ammalle irra deebi'ee dubbadha: eennulle Oduu Gammadaa ta isin fudhattane irraa ta gorte, yoo isinitti lallabe ka abaarame te'uu ti!
GAL 1:10 Ani amma nama moo, Waaqa duratti fudhatama dhaggatiisaaf barbaadiisatti jira ree? Yookiin nama gammachiisu'uuf barbaadatiisatti jiraa? Nama gammachiisu'uuf adoo waan barbaadu teete, ani tajaajilaa Kiristoosii hin te'uuyyu.
GAL 1:11 Obboleeyyan tiyya! Oduun Gammadaa ta ani isiniif lallabe, ta nami ifi keessaa maddisiise akka hin te'in, akka beettanu barbaada.
GAL 1:12 Oduu Gammadaa tana, Yesuus Kiristoositti natti mudhise malee, ani eennulle irraa hin fudhanne, yookiin eennulle na hin barsiinne.
GAL 1:13 Yennaa duri dhugeeffannaa Yihudootaa hordofu, attam akka ani le'e dhageettaneertan; ani wolde'a kiristaana Waaqaa akka malee miidhaa balleessiisaaf wodhaanaa ture.
GAL 1:14 Worra bara kiyya jiru, lansoota tiyya ta Yihudoota te'ane hedduu, ani dhugeeffannaa Yihudootaa eeggatiisaan hin caala; marroo aadaa abbootii teennaatille'eef akka malee hin hinaafaayyu.
GAL 1:15 Waaqi ammoo adoo ani hin dhalatin dura na filate; badhaadha ifiitille'een na waame.
GAL 1:16 Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa, worra Yihudoota hin te'in oddu'utti akka ani lallabuuf, yennaa Waaqi Ilma ifii natti mudhisiisa jaalate, ani nama tokkolle woliin hin mari'anne;
GAL 1:17 yookiin gara worra anaan dura ergantoota te'ee Yerusaalem hin dhandhe, ammoo yoosuma gara biyya Arabaa dhaqee, achiin duuba Damaasqo'otti deebi'e.
GAL 1:18 Eegii san woggaa sadiin duuba Pheexroos ilaaliisaaf gara Yerusaalemii dhaqee, isa bira guyyaa kudha shan ture.
GAL 1:19 Obboleessa Gootta'aa Yaaqoob malee, ergantoota dhibii keessaa tokkolle hin dhaggine.
GAL 1:20 Wonni ani isiniif barreessu kun dhara akka hin te'in, Waaqi hin beeka.
GAL 1:21 Ani Yerusaalem dhaqeen duuba gara biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa dhaqe.
GAL 1:22 Wolde'ooti kiristaanaa ka Kiristoosii, ka lafa Yihuda'aa keessa jiru, ilaan na dhagganee hin beekanu.
GAL 1:23 Oduu, «Namichi duri nu miidhaa ture, dhugeeffannaa balleessiisaaf barbaadu san, amma lallabiisatti jira» jettu qofa dhage'aneeran.
GAL 1:24 Sababa kiyyalle'eef Waaqa galateeffatane.
GAL 2:1 Eega san woggaa kudha afuriin duuba, Tiitoos ifi faana fudhadhee, Baarnaabaas woliin gara Yerusaalemii deebi'ee dhaqe.
GAL 2:2 Akka ani achi dhaqu, Waaqi natti mudhinnaan dhaqe. Hujiin ani kanaan dura hujee fi ta amma hujiisatti jiru, tola akka hin banneef jedhee, Oduu Gammadaa ta worra Yihudoota hin te'initti lallabu, sooreyyii gugurdo'oof qofitti hime.
GAL 2:3 Tiitoosiin na woliin jiru, nama Giriikii te'ulle, akka haqanqabaa qabatu hunnaan hin godhanne.
GAL 2:4 Te'uu malee obboleeyyan dharaameyyiin tokko tokko, ka luuxanee nu odduu seenane, akka inni haqanqabaa qabatu barbaadaneeraniiyyu. Isaan bilisummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu dooyanee, garbumma'atti nu deebisiisaaf barbaadanee, luuxanee seenane.
GAL 2:5 Dhugaan Oduu Gammadaa, akka yennaa mara isin woliin jiraattuuf, nuuti yennaa diqqolle'eef isaaniif hin ajajane.
GAL 2:6 Worri sooreyyii gugurdoo ifi fakkeessuu ammoo, eennummaan isaanii ta qaraa womaa natti hin fakkaatu; Waaqi fuula namaa ilaalee hin golu; isaan Oduu Gammadaa ta ani lallabu irratti womaa hin daballe.
GAL 2:7 Ammoo akka Waaqi, akkuma Pheexroos Oduu Gammadaa worra Yihudootaatiif akka lallabuuf adaraa itti kenne, anille Oduu Gammadaa worra Yihudoota hin te'iniif, akka lallabuuf adaraa natti kenneeru beekaneeran.
GAL 2:8 Waaqi akka Pheexroos ergamaa worra Yihudootaa te'ee tajaajilu godhe, akka anille ergamaa worra Yihudoota hin te'inii te'ee tajaajilu godheera.
GAL 2:9 Akkasuma sooreyyiin akka utuba'aa ilaalamanu Yaaqoob, Pheexroosii fi Yohaannis, badhaadha naaf kenname hubatanee, tokkummaa mudhisiisaaf Baarnaabaasii fi na woliin harka wol qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara worra Yihudoota hin te'inii akka dhandhu, isaaniille gara worra gosa Waaqaa akka dhaqanu woliif galleerra.
GAL 2:10 Isaan marroo hiyyeeyyi'iitiif akka nuuti yaadannu callaa nutti dubbatane, kun waan ani dhugumaan godhiisaaf fedhuuyyu.
GAL 2:11 Pheexroos gara Anxokiya'aa yennaa dhufe waan dokonkoreeruuf, ani fuula duratti isa morme.
GAL 2:12 Namooti gariin Yaaqoob biraa adoo hin dhufin dura, Pheexroos worra Yihudoota hin te'in keessaa worra dhugeeffate woliin nyaataa ture; yennaa isaan dhufane ammoo, golii worra haqanqabaa qabatee sodaatee, worra Yihudoota hin te'in irraa ifi gargar baasee qarqarfate;
GAL 2:13 Worri Yihudoota keessaa dhugeeffatanelle, kijiba Pheexroosii hordofaneeran; Baarnaabaasinuu kijiba isaaniitiin duubatti harkifameera.
GAL 2:14 Akka isaan akka dhugaa Oduu Gammadaatitti hujaa hin jirre, ani yennaa dhagge, isaan mara duratti Pheexroosiin, «Ati Yihudii teetee, akka Yihudi'iititti adoo hin te'in, akka nama Yihudii hin te'iniititti eega jiraatte, attamiin worri Yihudoota hin te'in, akka Yihudootaatitti akka jiraatuuf uttitta ree?» jedhe.
GAL 2:15 Nuuti dhalootaan Yihudoota malee, worra Yihudoota hin te'in worra cubbichaa moti.
GAL 2:16 Te'uu malee nami Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan malee, Seera eeggatiisaan akka hin balchoonne beenneerra. Nuutille Seera eeggatiisaan adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan akka balchoonnuuf Yesuus Kiristoositti dhugeeffanneerra. Eennulle Seera Muuse'ee eeggatiisaan hin balchoomu.
GAL 2:17 Kiristoositti dhugeeffatiisaan balchoomiisaaf adoo barbaannuu, nuutinuu cubbaalleyyii teenee yoo mudhanne, akka cubbuu tolchinu ka godhiisatti jiru Kiristoos jechu'u ree? Ijjumaa, hin teetu!
GAL 2:18 Ani Seera diige deebisee yoo ka ijaaru te'e, aninuu nama Seera diigu te'uu kiyya mudhisiisatti jira jechu'u.
GAL 2:19 Ani Waaqaaf le'iisaaf, karaa Seeraatiin Seera duraa du'eera; ani Kiristoos woliin fannifameera.
GAL 2:20 Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le'a malee, ani ifiif hin le'u. Le'ii amma fooniin le'ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le'a.
GAL 2:21 Ani badhaadha Waaqaa gatii hin dhooggu; Seera eeggatiisaan adoo waan balchoomanu teete, Kiristoos toluma du'e jechu'uu motii ree!
GAL 3:1 Worra Galaatiya'aa gowwoole'e! Eentu muusessee isin dooche? Yesuus Kiristoos fannifamee, akka waan barreeffamee rarraafamee, ila teessan dura jiraayyuu.
GAL 3:2 Ani waan tokko callaa beekuu barbaada: isin Seera eeggatiisaan moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee itti dhugeeffatiisaan Ayyaana Woyyicha fudhattane?
GAL 3:3 Attam akkas gowwitan? Ayyaana Waaqaatiin jalqaddanee, amma ammoo yaada fooniitiin muummessuu barbaaddanii ree?
GAL 3:4 Dhugumaan waan woy hin baaneef yoo te'e, toluma waan isin irra dhaqqabe kana mara fudhattanee ree?
GAL 3:5 Waaqi Ayyaana ifii isinii kennee, bilbaasa isin oddu'utti wonni hujuuf, waan Seera eeggattaneef moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee waan itti dhugeeffattaneef?
GAL 3:6 Abrahaam ilaala'a me; Barreeffami Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha.
GAL 3:7 Maarre worri dhugeeffatu maraa ilmaan Abrahaamii akka te'e hubadha'a!
GAL 3:8 Barreeffam Woyyichi akka Waaqi worra gosa isaa hin te'in dhugeeffanna'aan balchoonsu, duraan dursee dhaggee Abrahaamiin, «Gosi maraa si'iin hin eebbifama» jedhee, Oduu Gammadaa itti himeera.
GAL 3:9 Tanaaf worri dhugeeffatu maraa, Abrahaamii dhugeeffate woliin ka eebbifame.
GAL 3:10 Barreeffam Woyyichi, «Waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame mara, nami hin eeganne maraa ka abaarame!» waan jedhuuf, worri Seera eeggatiisatti ciqilfatu abaarsa jala jira.
GAL 3:11 Barreeffam Woyyichi, «Nami balchaan dhugeeffanna'aan le'a» waan jedhuuf, eennulle Waaqa duratti Seeraan balchoomiisaaf akka hin dandeenne ifa.
GAL 3:12 Seerri dhugeeffannaa irratti hin hundeeffamu; te'uu malee Barreeffam Woyyichi, «Nami waan Seerri jedhu guutu, ittiin hin le'a» jedha.
GAL 3:13 Barreeffam Woyyichi, «Nami muka irratti rarraafamu maraa ka abaarame» waan jedhuuf, Kiristoos nu'uuf jedhee abaaramaa te'ee, abaarsa Seerri nutti fidu jalaa nu wode.
GAL 3:14 Eebbi Abrahaam dhaggate, karaa Kiristoos Yesuusiitiin, worra Yihudoota hin te'in maraaf akka kennamuuf, Ayyaana Waaqi addii kennelle, dhugeeffanna'aan akka fudhannuuf Kiristoos nu wodeera.
GAL 3:15 Obboleeyyan tiyya, le'ii guyyuma guyya'aa keessaa fakkeenna tokko fuudhee dubbadha: yoo nami lamaan waan tokko irratti wolii galee, wolii galtee san mallatteesse, eennulle wolii galtee san diigiisaaf, yookiin woy itti dabaliisaaf hin dande'u.
GAL 3:16 Maarre Waaqi Abrahaamii fi sanyii isaatiif addii kenneera; Barreeffam Woyyichi, akka nama heddu'uuf dubbatamuutitti, «Sanyoota» hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamuutitti, «Sanyii» jedha, innille Kiristoos.
GAL 3:17 Kana jechuun kiyyalle, Seerri woggaa dhibba afurii fi soddomaan duuba kenname, gondooroo qara Waaqaan gondoorante diigee, waadaa galame san balleessiisaaf hin dande'u jechuu kiyya.
GAL 3:18 Kennansi Waaqaa Seeratti ciqilfatiisaan adoo te'ee, waadaa galametti ciqilfatiisaan hin te'uuyyu. Te'uu malee, karaa waadaa galameetiin, Waaqi kennansa ifii Abrahaamiif kenneera.
GAL 3:19 Yoona Seerri maaf kenname ree? Sanyiin Abrahaamiif waadaa galameen kenname haga dhufu, seera tariis maan akka te'e mudhisiisaaf, Seerri dabalamee kenname. Seerri ergantoota Waaqaatiin, karaa araarsaa tokkochaatiin kenname.
GAL 3:20 Te'uu malee, araarsaan tokko golii lama wolakka'atti malee takkaa calla'aaf hin barbaachisu; Waaqi ammoo tokkocha.
GAL 3:21 Seerri waadaa Waaqi galeen hin mormaa ree? Ijjumaa hin mormu! Seerri akka jiruu kennuuf adoo kennamee jiraate, sila dhugumaan, Seera eeggatiisaan balchummaan hin dhaggantiiyyu.
GAL 3:22 Waadaan galame, ta Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan dhaggantu, worra dhugeeffatuuf akka kennantuuf, Barreeffam Woyyichi biyyi lafaa duudiin cubbu'uuf bitamiisaan hidhantee akka jirtu dubbata.
GAL 3:23 Adoo dhugeeffannaan hin dhufin dura, haga dhugeeffannaan mudhatutti, Seeraan hidhannee, Seera jalatti eegamaa ture.
GAL 3:24 Maarre nuuti dhugeeffanna'aan akka balchoonnuuf, haga Kiristoos dhufu, Seerri guddisoo keenna te'eeraayyu.
GAL 3:25 Amma ammoo, dhugeeffannaan waan dhutteef, haganaa achi guddisoo Seeraa jala hin jiraannu.
GAL 3:26 Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatiisaan, isin martinuu ijoollee Waaqaa ti.
GAL 3:27 Isin worri Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphantane maraa, Kiristoos akka woya'aa uffattaneertan.
GAL 3:28 Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi'iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te'in, dhiiraa fi dubartii oddu'utti garaagarummaan hin jirtu.
GAL 3:29 Ka Kiristoosii eega teetane, isin sanyii Abrahaamii ti; waan Waaqi isiniif addii kennelle hin dhaaltan.
GAL 4:1 Ammalle wonni ani jedhuu barbaadu kana: ilmi karra abbaa ifii dhaalu tokko, karra abbaa ifii mara irratti goottaa yoo te'elle, haga ijoollumma'aan jiru garbicha tokko hin caalu.
GAL 4:2 Yennaan abbaan isaaf murteesse haga geettu, harka worra isa guddisuutii fi worra isa bulchuu jala tura.
GAL 4:3 Nuutille akkasuma, ayyaanaan adoo hin guddatin duratti, seera biyya lafaatiif garba teenee turre.
GAL 4:4 Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi Ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule.
GAL 4:5 Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe.
GAL 4:6 Isin ilmaan isaa waan teetaneef, Waaqi Ayyaana Ilma ifii ka, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keessa keennaa ergeera.
GAL 4:7 Maarre yoona, ati ilma malee garbichaa moti; ilma eega teete, Waaqi akka dhaaltu si godheera.
GAL 4:8 Isin dur adoo Waaqa hin beekin, waan dadamaan waaqota dhuga'aa hin te'iniif garba teetaneertaniiyyu.
GAL 4:9 Amma ammoo Waaqa beettaneertan; dhugumaan Waaqi isin beekeera. Attam deebitanee gara hunnoota biyya lafaa dadhaboole'ee fi ka woy hin baane kanatti garagaltan ree? Ammalle deebitanee garba isaanii te'iisaaf barbaaddan?
GAL 4:10 Guyyaa, ji'a, bonaa-gannaa fi woggaa adda te'e ulfeessitan.
GAL 4:11 Hujiin ani isinii huje mara tola baddeerti jedhee isinii sodaadha.
GAL 4:12 Obboleeyyan tiyya, waan ani akka keessan te'eef, isinille akka kiyya akka teetanuuf isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine.
GAL 4:13 Yennaa jalqabaa, akka ani sababa dhibee tiyyaatiin, Oduu Gammadaa isinii lallabe, isinuu hin beettan.
GAL 4:14 Dhibeen tiyya ilaallachaa isinitti teetulle, akka ergamaa Waaqaatii fi akka Kiristoos Yesuusiititti na fudhattane malee, isin na hin tuffanne, yookiin na hin jibbine.
GAL 4:15 Gammad keessan sun eessa dhaqe ree? Adoo dandeettane ila teessanille ifi keessaa baattanee, worra naaf kennitanu akka teetane anuu dhugaa hin baya.
GAL 4:16 Ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan te'ee ree?
GAL 4:17 Namooti kuun isiniif akka malee yaadatan, te'uu malee dansa'aafii moti; akka isin isaaniif jabaattanee yaadattanuuf, nu irraa isin kutiisa barbaadan.
GAL 4:18 Yaada dansa'aaf yoo te'e, namaaf yaadatuun waan dansa'a; tun ammoo yennaa maraaf malee, yennaa ani isin bira jiru calla'aaf hin te'in.
GAL 4:19 Ijoollee tiyya, haga bifi Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ani ammalle akka dubartii deettuu isiniif hin ciniinsifadha.
GAL 4:20 Ani marroo teessaniif waan godhu waan wollaaleeruuf, adoo isin biratti dhaggamee akka dhibi'iin isinitti dubbadhee hin fedhaayyu.
GAL 4:21 Isin worri Seera jalatti buliisaaf barbaadanu, waan Seerri jedhu hin dhageennee? Natti hima'a!
GAL 4:22 Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbittii irraa, kaan dubartii garbittii hin te'in irraa, akka uumate barreeffanteerti.
GAL 4:23 Ilmi tokkochi dubartii garbittii irraa, akka fedha foonii calla'aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbittii hin te'in irraa, addii kennanteen dhalata.
GAL 4:24 Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi'ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina'aa irratti gondoorantee ti.
GAL 4:25 Aggaariin Gaara Siina'aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti.
GAL 4:26 Yerusaalemiin ol-gubba'aa ammoo bilisoontu'u; isiin haadha teenna.
GAL 4:27 Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ijoollee dubartii abbaa manaa qadduu caalaa, ijoolleen dubartii qofi lakkifantee waan heddatteef, ati maseentittiin deettee hin beenne gammadi; ati ta ciniinsifattee hin beenne iyyii ilillisi!» jedhantee barreeffanteerti.
GAL 4:28 Amma obboleeyyan tiyya, akkuma Yisihaqii, isinille ijoollee addii kennantee ti.
GAL 4:29 Te'uu malee, yennaa san ka akka fedha foonii calla'aan dhalate, ka fedha Ayyaana Waaqaatiin dhalate akkuma ari'e, ammalle akkasuma hin te'a.
GAL 4:30 Barreeffami Woyyichi ammoo maan jedha? Wonni jedhu, «Ilmi garbitti'ii, ilma ta garbittii hin te'inii woliin dhaala waan hin qoodanneef, garbittii ilma isi'ii woliin ari'i!» hin jedha.
GAL 4:31 Maarre obboleeyyan tiyya, nuuti ijoollee ta garbittii hin te'inii ti malee, ijoollee garbitti'iitii moti.
GAL 5:1 Bilisumma'aan akka leenuuf Kiristoos bilisa nu baase. Tanaaf jabaadha'aa dhaabbadha'a! Deebitaneelle waanjoo garboomaatiin hin hidhamina'a!
GAL 5:2 Dhage'aa! Yoo haqanqabaa ifi qassiittane, akka Kiristoos ijjumaa isiniif woy hin baane, ani Phawuloos isinitti hima.
GAL 5:3 Nami haqanqabaa qassiifatu mara, dirqama Seera duudii muummessiisaa akka qabu ani ammalle dhugaa hin bayaaf.
GAL 5:4 Isin worri Seera eeggatiisaan balchoomiisaaf barbaaddanu, Kiristoos irraa ifi kuttaneertan; badhaadha waaqaa irralle'ee bayyattaneertan.
GAL 5:5 Nuuti ammoo karaa Ayyaana Waaqaatiin, balchummaa addii godhannu dhugeeffanna'aan dharra'aa eeganna.
GAL 5:6 Kiristoos Yesuusiin yoo jiraanne, dhugeeffannaa jaalalaan hujjuttuu gatii qaddi malee, haqanqabaa qabatiisa yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisaa moti.
GAL 5:7 Isin akkuma dansaa hujaa turtane; akka isin dhuga'aaf hin ajajanne eentu gufuu isinitti te'e ree?
GAL 5:8 Hawadiin tun ta Waaqa gara dhuga'aa isin waamu biraa dhuttee moti.
GAL 5:9 Uukoon diqqoon bukoo duudii bukeessiti.
GAL 5:10 Akka isin yaada kana irraa gore hin qabaatin, ani Gootta'aan ifi-addii qaba. Eennulle teenaan nami isin jaanjursu muraa hin fudhata.
GAL 5:11 Ammoo obboleeyyan tiyya, haqanqabaa qabatiis barbaachisaa akka te'e, adoo waan lallabiisatti jiraadhee, maaf na miidhan ree? Yoo akkasii, fannoon Kiristoosii namaaf gufuu te'iis, silaa hin hafaayyu.
GAL 5:12 Worri isin jaanjursu sun, haqanqabaa qabatiisa callaa adoo hin te'in, adoo ifi yakkate ani hin jaaladha.
GAL 5:13 Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma'aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila'a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu'uu hin godhatina'a!
GAL 5:14 Seerri duudiin Jecha, «Akkuma ifi jaalattu nama jaaladhu!» jedhuun wolitti qabama.
GAL 5:15 Yoo ammoo ka wol cicciniittanee wol nyaattanu teete, akka wol hin balleessine ifi eeggadha'a!
GAL 5:16 Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan sooreffamaa le'aa malee, halchaa foonii hin muummessina'a!
GAL 5:17 Halchaan foonii halchaa Ayyaanaatiin mormiti; halchaan Ayyaanaalle halchaa fooniitiin mormiti; halchaan lamaan tun waan wol mormituuf, waan jaalattanu godhiisaaf hin dandeettanu.
GAL 5:18 Yoo Ayyaanaan sooreffantane ammoo, Seera jala hin jirtanu.
GAL 5:19 Hujiin foonii ta beekkante. Isiille: sagaagaluu, battummaa, baalagummaa,
GAL 5:20 waaqota dharaa waaqonsuu, moruu, diinummaa, moromaa, hinaaffaa, mufii, ifi jaalatuu, wol dhabuu, wol fojuu,
GAL 5:21 dhiibbaleessa te'uu, machii, sarbicha dhiitu'uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi'ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
GAL 5:22 Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama,
GAL 5:23 qajeelumma'aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.
GAL 5:24 Worri ka Kiristoosii te'e, halchaa hantu'uu fi fedha isaa woliin foon ifii fanniseera.
GAL 5:25 Worra Ayyaanaan leenu yoo teene, Ayyaanaan sooreffannuu ti.
GAL 5:26 Wol aarsaa, wol hinaafaa, tola me ifi jajnuu ti!
GAL 6:1 Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu'uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma'aan isa qajeelcha'a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha'a.
GAL 6:2 Ba'aa wolii ba'adha'a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan.
GAL 6:3 Nami woy hin baane tokko, nama woy bawu yoo ifi seye, ifi gowwoonsa.
GAL 6:4 Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te'in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata.
GAL 6:5 Nami maraa ba'aa ifii ba'atuu qaba.
GAL 6:6 Nami Jecha Waaqaa baratu, barsiisaa ifii woliin waan dansaa mara qoodamuu ti!
GAL 6:7 Ifi hin sobina'a! Waaqatti funnaan hin dhaabanu. Nami waanuma facaase haammata.
GAL 6:8 Nami akka fedha foon ifii facaasu, fedha foon ifii irraa du'a haammata; nami akka fedha Ayyaanaa facaasu, Ayyaana irraa jiruu bara baraa haammata.
GAL 6:9 Yoo addii kutatuu dhanne, yennaan haamma'aa yennaa geette, waan wolitti qabannuuf, hujii dansaa hujiisa me dadhannuu ti.
GAL 6:10 Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti.
GAL 6:11 Qubee gugurdoo attamiitiin akka ani harka kiyyaan isiniif barreessiisatti jiru ilaala'a!
GAL 6:12 Worri waan nafa namaa irratti alaan mudhatu dhaggisiisuu barbaadu, akka isin haqanqabaa qabattanu hunnaan isin godha. Marroo fannoo Kiristoosiitiif, akka miidhaan isaan hin geenne qofaaf tana godhan.
GAL 6:13 Isaan haqanqabaa qabatiisa keessaniin ifi jajiisaaf, haqanqabaa qabatiisa keessan barbaadan malee, worri haqanqabaa qabateeyyuu Seera hin eegatu.
GAL 6:14 Fannoo Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii, ta biyyi lafaa ana irraa ittiin fannifante, ka anille biyya lafaa jalaa ittiin fannifameen malee, waan biraatiin ifi jajuun ijjumaa naaf hin te'in.
GAL 6:15 Dada haareya te'iisa malee, haqanqabaa qabatiisii, yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisi womaayyuu moti.
GAL 6:16 Worra seera kana hordofu maraa fi Israa'elii worra Waaqaa teeteef, nageyaa fi marartiin teetu.
GAL 6:17 Gadaannis ani nafa kiyya irratti qabu, garbicha Yesuusii te'uu kiyya waan mudhisuuf, haganaa achi namuu na hin rakkisin.
GAL 6:18 Obboleeyyan tiyya, badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ameen.
EPH 1:1 Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuusii te'e irraa: Worra Kiristoos Yesuusiif addatantane, kolbaa Waaqaa ta Efesoon keessa jirtanuuf,
EPH 1:2 Waaqi abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.
EPH 1:3 Waaqi Abbaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ka Kiristoosiin eebba Ayyaana ol-gubba'aa maraan nu eebbise, galatoomuu ti!
EPH 1:4 Inni dadama biyya lafaatiin duraayyuu, isa duratti woyyootaa fi worra komii hin qanne akka teenu, Kiristoosiin nu filateera. Jaalala ifiitiin,
EPH 1:5 karaa Yesuus Kiristoosiitiin ijoollee ifii akka nu godhatuuf Waaqi akka fedhaa fi halchaa ifii dansa'aatitti duruu murteesseera.
EPH 1:6 Badhaadhi isaa ulfaataan, ka inni Ilma ifii jaalatama'aan tola nuuf kenne, akka galateeffamuuf tana godhe.
EPH 1:7 Akkuma durummaa badhaadha Waaqaatitti, dhiiga Kiristoosiitiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhaggane.
EPH 1:8 Badhaadha ifiille qaroomaa fi beekkumsa maraan nuuf dhangalaase.
EPH 1:9 Waaqi akkuma duraan karaa Kiristoosiitiin karoorfate, dhossaa fedha ifii akka halchaa ifii dansa'aatitti akka nuuti beennu godhe.
EPH 1:10 Karoorri Waaqi yennaa barri geye muummessu, dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu mara, wolitti qabantee baallii Kiristoosii jala akka teetu godhiisa.
EPH 1:11 Waaqi waan mara akka fedhaa fi gorsa ifiititti hujatu, jalqaba irrattuu akkuma murteessetti, Kiristoosiin kolbaa isaa akka teenuuf nu filate.
EPH 1:12 Wonni inni tana godheef, nuuti worri Kiristoositti addii godhatiisaan worra duraa teene, akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu.
EPH 1:13 Isinille ergaa dhuga'aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te'een mallatteeffantaneertan.
EPH 1:14 Ayyaanni waan Waaqi kolbaa ifiitiif waadaa gale fudhatiisa keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Waaqaatiif galata galchinuu ti.
EPH 1:15 Waan kanaaf, ani haga Goottaa Yesuusitti dhugeeffatiisa keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalatiisa keessan dhage'ee jalqabee,
EPH 1:16 daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne.
EPH 1:17 Abbaa ulfinnaa, Waaqa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, akka isin isa beettanu, Ayyaana qaroo isin godhuu fi ka Waaqa isinitti mudhisu, akka isinii kennuuf daadimadha.
EPH 1:18 Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te'e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu,
EPH 1:19 nu worra dhugeeffatulle'eef, hunna isaa ta waan duudi'iin ol teete, attam guddoo akka teete, akka beettanu daadimadha. Hunni tun jabeenna guddaa tama akka,
EPH 1:20 yennaa inni Kiristoos du'a keessaa kaasee, ol-gubba'atti midda ifiititti isa teessise ittiin hujee ti.
EPH 1:21 Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te'in, ta dhuttulle'etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise.
EPH 1:22 Waaqi waan mara baallii Kiristoosii jala galchee, waan mara irratti mataa godhee wolde'a kiristaanaatiif isa kenne.
EPH 1:23 Wolde'i kiristaanaa nafaa fi guutummaa Kiristoosii waan mara karaa maraan guutuu ti.
EPH 2:1 Isin sababa yakka'aa fi cubbuu teessaniitiif duutaneertaniiyyu.
EPH 2:2 Yennaa san isin karaa hamaa biyya lafaa gula deentane; ayyaana amma kolbaa Waaqaaf hin ajajanne toowatu, bulchaa hunnoota ayyaanota qilleensa keessaatiif ajajantane.
EPH 2:3 Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu.
EPH 2:4 Waaqi mararti'iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaalate irraa ka ka'e,
EPH 2:5 yakkaa teennaan yennaa nuuti duuneerruuyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru'uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan.
EPH 2:6 Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isa woliin du'a keessaa nu kaasee, isuma woliin addee ol-gubba'aa keessa nu teessise.
EPH 2:7 Durummaa badhaadha ifii ta hagana hin jedhanne, ta arjummaa ifiitiin karaa Kiristoos Yesuusiitiin nutti mudhise, baroota dhufulle mudhisiisaaf inni tana godhe.
EPH 2:8 Isin badhaadha Waaqaatiin karaa dhugeeffanna'aatiin fayyitane malee, hujii teessaniinii moti; isiin tun kennaa Waaqaa ti.
EPH 2:9 Akka nami tokkolle ittiin ifi hin jajne, huji'iinii moti.
EPH 2:10 Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa'aaf nu dade.
EPH 2:11 Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te'in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, «Haqanqabaa qabanneerra» ifiin jettuun, «Worra haqanqabaa hin qabatin» jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha'a.
EPH 2:12 Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa'eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi'ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha'a.
EPH 2:13 Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu'uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan.
EPH 2:14 Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma'aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'in kolbaa tokko godheera.
EPH 2:15 Karaa kanaan nageya fidiisaaf, gosa lamaanuu irraa ka te'e nama haareya isa woliin wolii galu tokko dadiisaaf, Seera Yihudootaa ajajootaa fi aadaa seerotaa woliin diige.
EPH 2:16 Fannoo irratti du'iisaan Kiristoos diinummaa isaanii balleesse; inni fanno'oon worra lamaanuu nafa tokko godhee Waaqaan wolitti araarse.
EPH 2:17 Maarre Kiristoos dhufee worra Waaqa irraa fagaate, isin worra Yihudoota hin te'iniif, worra gara Waaqaa dhikaate, isin worra Yihudootaatiifille, Oduu Gammadaa ta nageyaa maraafuu lallabe.
EPH 2:18 Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in, nuuti martinuu karaa Kiristoosiitiin Ayyaana tokkoon Abbaa bira geyiisa hin dandeenna.
EPH 2:19 Tanaaf, isin worri Yihudoota hin te'in haganaa achi orma yookiin alaga'aa moti; isin amma miseensota maatii Waaqaatii fi kolbaa Waaqaatiin woliin nama biyya tokkoo ti.
EPH 2:20 Isinille hundee ergantootii fi raagoti hundeessan irratti ijaarantaneertan; dhakaan roga qaccee ijaarsaalle Kiristoos Yesuus.
EPH 2:21 Kiristoos Yesuusiin ijaarsi duudiin wolitti qabamee, Galma Waaqaa woyyicha te'iisaaf Gootta'aan guddata.
EPH 2:22 Isinille isumaan worra dhibii woliin addee Waaqi Ayyaana ifiitiin jiraatu te'iisaan ijaaramiisatti jirtan.
EPH 3:1 Sababa kanaaf, ani Phawuloos, isin worra Yihudoota hin te'iniif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuusii te'eera.
EPH 3:2 Bu'aa teessaniif hujiisaaf akka Waaqi badhaadha ifiitiin hujii tana naaf kenneeru isin dhugumaan dhageettaneertan.
EPH 3:3 Akkuma ani armaan gubba'atti gabaassee isinii barreesse, Waaqi yaada ifii ka dhossa'aa mudhisee akka ani beeku godheera.
EPH 3:4 Isin waan ani barreesseeru yoo dubbittane, hubantii tiyya ta marroo dhossaa Kiristoosii beekuu dandeettan.
EPH 3:5 Dhossaan tun tanaan dura ilmaan namaatitti hin mudhifanne, Waaqi ammoo Ayyaanaan ergantoota woyyootaa fi raagota woyyoota ifiititti amma mudhiseera.
EPH 3:6 Dhossaan tun, worri Yihudoota hin te'in karaa Wongeelaatiin Yihudoota woliin worra dhaaluu fi miseensa nafa tokkoo te'anee, waadaa Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin gale keessalle'etti qoodamiisa.
EPH 3:7 Ani karaa kennansa badhaadha Waaqaa, ka hujii hunna isaatiin naaf kennameetiin tajaajilaa Wongeela kanaa te'eera.
EPH 3:8 Ani kolbaa Waaqaa mara caalaa diqqaadha; te'uu malee, Oduu Gammadaa ta marroo durummaa Kiristoosii muummee hin qannee worra Yihudoota hin te'iniif akka lallabuuf Waaqi badhaadha kana naaf kenne.
EPH 3:9 Akkasuma karoorri dhossaa baroota dabarane keessatti Waaqa waan mara dadeen dhoffantee turtee, maan akka te'e, akka mudhisuuf badhaadhi naa kenname.
EPH 3:10 Wonni tun teeteef, bara ammaa, karaa wolde'a kiristaanaatiin, bulchitootii fi hunnooti ol-gubba'aa qarooma Waaqaa bifa adda addaa maraan akka beekanu.
EPH 3:11 Waaqi akkuma karoora isaa ka bara baraatitti, karaa Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiitiin tana muummesse.
EPH 3:12 Nuuti Kiristoosiin waan jirruu fi isatti waan dhugeeffanneerruuf, sodaa malee gara Waaqaa dhikaatiisaaf ifi addii qanna.
EPH 3:13 Sababa ani isiniif rakkatiisatti jiruuf, akka addii hin kutanne isin kadhadha; wonni martinuu ulfinna keessaniif teete.
EPH 3:14 Waan kanaaf ani Abbaa duratti jilbiiffadha.
EPH 3:15 Maatiin ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu marti maqaa dhuga'aa Waaqa biraa fudhatti.
EPH 3:16 Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha.
EPH 3:17 Karaa dhugeeffanna'aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha.
EPH 3:18 Jaalalli Kiristoosii hagam akka badhatuu fi dheeratu, hagam akka ol fagaatuu fi gad fagaatu, akka isin kolbaa Waaqaa mara woliin hunna hubanti'ii qabaattanu,
EPH 3:19 akkasuma jaalala Kiristoosii ka beekkumsa bira dabare te'e san beettanee, guutummaa Waaqaa maraan akka guutantanu daadimadha.
EPH 3:20 Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande'uuf,
EPH 3:21 Karaa wolde'a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te'u! Ameen.
EPH 4:1 Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te'e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa.
EPH 4:2 Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela'aa fi ossaameyyii te'a'a. Jaalalalle'een wol dande'a'a.
EPH 4:3 Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha'a.
EPH 4:4 Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira.
EPH 4:5 Akkasuma Goottaan tokko, dhugeeffannaan tokko, cuupham tokko jira;
EPH 4:6 ammalle ka mara caalu, ka mara keessalle huju, ka mara keessa jiraatu, Abbaa kolbaa maraa ka te'e, Waaqa tokkochatti jira.
EPH 4:7 Akkuma safara kennansa Kiristoosiititti badhaadhi tokko tokkoo keennaaf kennameera.
EPH 4:8 Barreeffam Woyyichi, «Inni gara gubba'aa yennaa ol baye, boojuu hedduu booji'ee, namootaaf kennansa kenne» jedha.
EPH 4:9 Amma, «Ol baye» jechuun maan jechuu isaa ti? Duraan dursee biyya lafaa tana keessa addee gad aantu'utti gad dhufeera jechu'u.
EPH 4:10 Maarre ka gad dhufe, waan duudii dhaggama ifiitiin guutiisaaf kama ol-gubbaa maraan ol baye.
EPH 4:11 Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin toowattoota, gariin barsiisota akka te'anuuf kennansa isaaniif kenne.
EPH 4:12 Inni nafa Kiristoosii ka te'e wolde'i kiristaanaa akka ijaaramuuf, kolbaa Waaqaa hujii tajaajila kiristaanaatiif qopheessiisaaf tana godhe.
EPH 4:13 Maarre marti keenna dhugeeffannaa teennaa fi Ilma Waaqaa beekiisaan tokko hin teena; ayyaanaan bilchaannee, nama geyaa teenee, haga Kiristoosii geenna.
EPH 4:14 Nuuti danbali'iin gara duraatii fi duubaa raafamaa, qilleensa barsiisa kolbaa dokonkorsitu'uu, ka maltumma'aan worra dhibii sobee dokonkorsuu fi asii achi afuufuun, haganaa achi ijoollee hin teenu.
EPH 4:15 Kanaa mannaa, jaalalaan dhugaa dubbataa, gara Kiristoosii mataa te'ee, karaa maraan guddanna.
EPH 4:16 Kiristoosiin nafi duudiin morgeyaan hidhamee wol qabatee, mitikaan nafaa marti wol qaqqabateera. Maarre yennaa mitikaan martinuu akka hujiisaaf maletti huju, nafi duudiin jaalalaan guddatee ifi ijaara.
EPH 4:17 Yoona akka worra yaadi isaanii bu'aa hin qannee, akka worra Yihudoota hin te'inii akka hin leene, maqaa Gootta'aatiin jabeessee isin gorsa.
EPH 4:18 Qalbiin isaanii dukkanootteerti; sababa beekuu hin barbaannee fi gadhaa jabeenna isaaniitiif jiruu Waaqi kennu irraa gargar bayaneeran.
EPH 4:19 Isaan fokkoo dhabanee, amala bada'aa fi battummaa mara hujiisaaf joljolanee ifi dabarsanee kennaneeran.
EPH 4:20 Marroo Kiristoosii wonni isin barattane akkasii moti.
EPH 4:21 Dhugumaan marroo isaa dhageettaneertan; dhugaa Yesuus keessa jirtulle barattaneertan.
EPH 4:22 Le'ii dullattii dur le'aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata'a.
EPH 4:23 Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama'a.
EPH 4:24 Jiruu haareya, balchumma'aa fi woyyummaa dhuga'aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha'a.
EPH 4:25 Maarre, yoona soba lakkisa'a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti.
EPH 4:26 Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin.
EPH 4:27 Seexanaafille karaa hin kennina'a.
EPH 4:28 Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata'aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti.
EPH 4:29 Dubbii bu'aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage'uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin.
EPH 4:30 Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina'a.
EPH 4:31 Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma'aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagaattu.
EPH 4:32 Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama'a, woliif arjooma'a, gadhaalle woliif laafa'a.
EPH 5:1 Isin jaalatantoota ijoollee Waaqaa eega teetanee, fakkeenna isaa gula deema'a.
EPH 5:2 Akkuma Kiristoos nu jaalatee, akka kennansa uddowa'aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu'uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha'a.
EPH 5:3 Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te'uu lakkisiitii, oduunuu dhage'amuu hin qaddu.
EPH 5:4 Waaqa galateeffadha'a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina'a.
EPH 5:5 Sagaagaltichi, yookiin battichi, yookiin joljoltichi jechuun ka waaqa dharaa waaqonfatu mootummaa Kiristoosiitii fi Waaqaa keessatti qooda akka hin fudhanne beeka'a.
EPH 5:6 Eennulle dubbii dharaatiin isin hin sobin; sababa waan kanaatiif mufiin Waaqaa worra isaaf hin ajajanne irratti hin dhutti.
EPH 5:7 Tanaaf kolbaa akkasii woliin tokkummaa hin qabaatina'a.
EPH 5:8 Isin dur dukkana keessa turtane, kolbaa Gootta'aa eega teetane ammoo, ifa keessa jirtan. Maarre isin akka kolbaa ifaa jiraadha'a.
EPH 5:9 Sababille wonni dansaan marti, balchumma'aa fi dhugaan ifa keessaa madditi.
EPH 5:10 Waan Goottaa gammachiisu qorqora'aatii bira geya'a.
EPH 5:11 Hujii dukkanaa, ta bu'aa hin qanne san, ifatti baasa'a malee, itti hin hirmaatina'a.
EPH 5:12 Waan isaan dhossa'atti hujanee dubbatiisinuu hin fokkifachiisa.
EPH 5:13 Wonni marti yennaa gara ifaa baate, bifi isi'ii dhugichi ifa te'ee hin mudhata;
EPH 5:14 Sababille ifi waan mara mudhisa. Tanaaf, «Ati ka rafiisatti jirtu, dammaqi! Du'a keessaa ka'i! Kiristoos si'iif hin issa» jedhame.
EPH 5:15 Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha'aa ilaalladha'a. Akka qaroole'ee malee, akka gowwoole'ee hin le'ina'a.
EPH 5:16 Barri kun hamaa waan te'eef, yennaa dagu'uu maratti fayyadama'a.
EPH 5:17 Fedhiin Gootta'aa maan akka teete hubadha'a malee, gowwoolee hin te'ina'a.
EPH 5:18 Ayyaana Woyyichaan guutama'a malee, daadhii woyni'ii ta isin balleessituun, hin machowina'a.
EPH 5:19 Faaru'uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille'een woliin dudubbadha'a; faaru'uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha'a.
EPH 5:20 Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba'aaf galata galcha'a.
EPH 5:21 Ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii woliif ajajama'a.
EPH 5:22 Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti.
EPH 5:23 Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif mataa te'e, abbaan manaa haadha manaatiif mata'a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde'a kiristaanaatiifille fayyisa'a.
EPH 5:24 Wolde'i kiristaanaa Kiristoosiif akkuma ajajamu haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif waan maraan ajajamanuu ti.
EPH 5:25 Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha'a.
EPH 5:26 Inni wolde'a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe.
EPH 5:27 Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde'a kiristaanaa gara ifii dhikeessa.
EPH 5:28 Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata.
EPH 5:29 Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.
EPH 5:30 Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti.
EPH 5:31 Barreeffam Woyyichi, «Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te'an» jedha.
EPH 5:32 Kun dhossaa guddo'o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde'a kiristaanaa dubbatiisatti jira.
EPH 5:33 Te'uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha'a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.
EPH 6:1 Ijoolle! Waan barbaachisaa te'eef, abbooti'ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama'a.
EPH 6:2 «Abba'aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante:
EPH 6:3 «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
EPH 6:4 Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta'aatiin guddisa'a malee, akka aartu hin godhina'a.
EPH 6:5 Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda'aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama'a.
EPH 6:6 Isaan gammachiisuu qofaaf, ila isaanii dura calla'atti adoo hin te'in, akka garbicha Kiristoosiititti, gadhaa tokkoon fedhii Waaqaa muummessa'a.
EPH 6:7 Akkasuma nama adoo hin te'in, akka Goottaa tajaajiltanutti, gammadaan tajaajila'a.
EPH 6:8 Garbichalle te'ee yookiin ka garbicha hin te'in, hujii dansaa hujeef, Goottaa biraa gatii akka fudhatu hin beettan.
EPH 6:9 Isinille goottole'e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa'aatii, garboota teessaniif dansaa godha'a.
EPH 6:10 Yoona, Gootta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a.
EPH 6:11 Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha'a.
EPH 6:12 Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te'in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te'ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba'aatiin mormiisa.
EPH 6:13 Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummessitanee, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha'a.
EPH 6:14 Tanaaf, dhugaa akka hiitu'uu hidha keessanitti hidhadha'aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa keyadha'aa dhaabbadha'a.
EPH 6:15 Wongeela nageyaalle akka Kophe'ee miilatti keyadha'aatii qophowa'aa dhaabbadha'a.
EPH 6:16 Kana mara woliin, daayota hamaalessaa ka bobe'u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte'ee qabadha'a.
EPH 6:17 Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha'a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka shallaaga'aa qabadha'a.
EPH 6:18 Yennaa daadimattanuu fi gaafattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha'a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa'aatii jabaadha'aa daadimadha'a.
EPH 6:19 Dhossaa Wongeelaa sodaa malee beessisiisaaf, yennaa ani dubbatiisaaf qophowe, Waaqi akka jecha naaf kennu analle'eef daadimadha'a.
EPH 6:20 Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu'uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha'a.
EPH 6:21 Obboleessi keenna Xikiqoosiin jaalatama'aa fi tajaajila hujii Gootta'aatiin addatamaan, waan ani hujiisatti jiruu fi attam akka ani jiru akka beettanu, waan mara isinitti hin hima.
EPH 6:22 Nuuti martinuu attam akka jirru akka beettanuu fi akka isin jajjabeessuuf, isa gara keessan erga.
EPH 6:23 Waaqa Abbbaa biraa, Goottaa Yesuus Kiristoos biralle'ee, nageennii fi jaalalli dhugeeffannaa woliin kiristaanota maraaf te'uu ti.
EPH 6:24 Badhaadhi Waaqaa worra Goottaa keenna Yesuus Kiristoos jaalala hin banneen jaalatu maraaf te'uu ti.
PHI 1:1 Tajaajiltoota Yesuus Kiristoosii ka teene Phawuloosii fi Ximootewoos irraa: Worra qachaa Filiphisiiyuusii keessa le'u, ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin balchoome maraaf, akkasuma toowattootaa fi gargaartuu wolde'a kiristaanaatiif:
PHI 1:2 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu!
PHI 1:3 Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha;
PHI 1:4 Guyyaa qaraatii jalqaddanee haga ammaa hujii Oduu Gammadaa keessatti waan hirmaattaneef, yennaa isin maraaf daadimadhu maraa gammadaan daadimadha.
PHI 1:6 Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.
PHI 1:7 Yennaa ani amma hidhameeruu fi adoo hin hidhamin Oduu Gammadaatiif falmadhuu fi isii jabeessu, isin martinuu na woliin badhaadha Waaqaa waan qoodantaneef, yennaa mara gadhaa kiyya keessa jirtan. Maarre marroo teessaniif yaadi natti dhage'amiisatti jiru sirri'i.
PHI 1:8 Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin attam akka ani isin maraa dharra'u Waaqi hin beeka.
PHI 1:9 Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti'iin ka guutame te'ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha.
PHI 1:10 Waan irra caalu qorattanee akka beettanuu fi yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu qulliyye'ee fi komii malee akka dhaggantanuuf ani tana godha.
PHI 1:11 Akka kanaan jiruun teessan midhaan balchumma'aa, ka Yesuus Kiristoosiin dhaggamuun ta guutante teetee, ka ulfinnaa fi galata Waaqaaf dhaggisiittanu hin teetan.
PHI 1:12 Obboleeyyan tiyya! Wonni na dhaqqabe maraa, Oduun Gammadaa akka badhattu akka godhe, akka beettanu barbaada.
PHI 1:13 Akka ani Kiristoosiif jedhee hidhame, eedduu mana mootumma'aatii fi worra dhibii maraa biratti beekkameera.
PHI 1:14 Waan ani hidhameef dhugeeffattoota keessaa hedduun Gootta'atti addataneeran; jecha Waaqaa sodaa malee lallabiisaafille ka qaraa caalaa jabeenna dhaggataneeran.
PHI 1:15 Worri gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een Kiristoos lallaban; worri kuun ammoo fedha dansa'aan lallaban.
PHI 1:16 Worri jaalala dansa'aan Kiristoos lallabu, akka ani Oduu Gammadaatiif falmatiisaaf as keyameeru hin beeka.
PHI 1:17 Worri halchaa fedha ifii hordofiisaan dabaan Kiristoos lallabu ammoo, hidhamuu kiyya irratti rakkinna dabaliisaaf yaadatanee lallaban.
PHI 1:18 Womaa moti! Fakkeessiisaanille te'ee, dhuga'aanille te'u karaa maraan Kiristoos lallabameera! Ani kanatti hin gammada. Haganaa achille ittuma hin gammada;
PHI 1:19 sababille daadimannaa keessanii fi qarqaarsa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin akka bilisa bawu hin beeka.
PHI 1:20 Karaa tokkolle'een akka ani hin qaanonne, halcha'aa fi addiin tiyya san; ammoo akkuma yennaa maraa tolchu, amma jiru'uun yookiin du'aan Kiristoos nafa kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu hin qabaadha.
PHI 1:21 Maarre jiruu jechuun naaf Kiristoosiin le'iisa, duutille bu'aa tiyya.
PHI 1:22 Ani yoo fooniin jiraadhe, sun naaf hujii midhaan qaddu ittuma hujiisa; ammoo kam akka filadhu hin beeku.
PHI 1:23 Waan lamaan kanaan rakkadheera: ani le'ii tana lakkisee, Kiristoos woliin le'uu fedha; kun waan mara caalaa naaf woyya.
PHI 1:24 Te'uu malee fooniin jiraachuun kiyya isiniif caalaa barbaachisa'a.
PHI 1:25 Ani kana hubatiisaan, akka isin dhugeeffanna'aan guddattanuu fi akka gammaddanu, isin maraa bira akka turuu fi akka jiraadhu beekeera.
PHI 1:26 Ani yennaa deebi'ee gara keessan dhufe, booniisi isin Kiristoos Yesuusiin qaddanu sababa kiyyaan hin fakkana.
PHI 1:27 Isinummaan akka Oduun Gammadaa ta Kiristoosii jettutti jiraadha'a; tana yoo gootane, ani dhufee yoo isin dhagge yookiin fagoo jiraadhee waan keessan yoo dhage'e, dhugeeffannaa Oduu Gammadaatiif akka nama tokkoo teetanee falmatiisaan ayyaana tokkochaan jabaattanee akka dhaabbattanu hin beeka.
PHI 1:28 Waan tokkolle'een mormitoota teessan sodaattanee hin raafamina'a! Jabeenni kun Waaqa irraa isiniif kenname; kunille isaaniif beessisa badi'ii ti; isiniif ammoo beessisa fayyinnaa ti.
PHI 1:29 Carraa Kiristoositti dhugeeffatiisaa callaa adoo hin te'in, carraan isaaf rakkinna fudhatiisaalle, isiniif kennameera.
PHI 1:30 Tanaaf akkuma kanaan dura rakkinni na geyeeruun dhaggitanee fi akkuma ammalle na geyiisatti jiruun dhageettanu, isinille rakkinnuma san fudhatiisatti jirtan.
PHI 2:1 Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille'een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille'een tokkummaa yoo qabaattane, mararti'ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane,
PHI 2:2 yaada tokko te'iisaan, jaalala tokko qabaatiisaan, ayyaanaa fi kaayo'oon tokko te'iisaan gammadi kiyya guutuu akka te'u tolcha'a.
PHI 2:3 Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa'aatii ilaala'a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina'a!
PHI 2:4 Nami martinuu bu'aa worra dhibi'iille ilaaluutii malee, bu'aa ifii callaa hin ilaalin!
PHI 2:5 Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha'a:
PHI 2:6 Inni yennaa maraa adaba waaqumma'aa adoo qabuu, ulfinna waaqumma'aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne.
PHI 2:7 Ammoo ulfinna ifii lakkisee akka garbaa te'ee mudhate; akka namaa te'ee dhalate; nama fakkaatee mudhate.
PHI 2:8 Ifi gad qabee, haga du'aatitti, haga fannifamee du'ulle'etti, ka ajajamu te'e.
PHI 2:9 Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee, maqaa maqaa mara caalulle kenneef.
PHI 2:10 Tanaaf worri ol-gubbaa jiru, worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu, ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan.
PHI 2:11 Arrabi martinuu, ulfinna Waaqa Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Goottaa akka te'e, dhugaa baasee hin dubbata.
PHI 2:12 Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te'in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama'a! Soda'aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja'a;
PHI 2:13 sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa.
PHI 2:14 Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha'a!
PHI 2:15 Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama'aa fi hamaa kana keessatti akka urji'ii hin issitan.
PHI 2:16 Jecha jiru'uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke'ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura'aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha.
PHI 2:17 Ciinca'aa fi kennaa isin dhugeeffanna'aan Waaqaaf kennitanu irratti, dhiigi kiyyalle akka dhibaayyu'uu adoo dhibaafamelle'ee ani hin gammada, isinille gammada kiyya na woliin hin qoodantan.
PHI 2:18 Akkasuma isinille gammaddanee, gammada keessan na woliin qoodamuu qaddan.
PHI 2:19 Marroo teessan dhage'ee gadhaan kiyya akka gammaduuf, dafee Ximootewoos gara keessan ergiisaaf Goottaa Yesuusitti addii godhadha.
PHI 2:20 Nama nageya keessaniif gadha'aan isiniif yaadatu ani isa malee hin qabu.
PHI 2:21 Worri kuun maraa Yesuus Kiristoosiif adoo hin te'in, bu'aa ifii barbaadatan.
PHI 2:22 Ximootewoos ammoo nama addatam isaa mirkanaaye akka te'e, na wolille'een akka abba'aa fi ilmaa teenee, hujii Oduu Gammadaa hujaa akka turre isinuu hin beettan.
PHI 2:23 Dubbiin tiyya maan akka teetu akkuma beekeen isa gara keessan akka ergu hin addadha.
PHI 2:24 Aninuu gara keessan dafee akka dhufu Gootta'atti addii qaba.
PHI 2:25 Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa'ela hujii tiyyaa te'e, ka waan naaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee natti mudhatteerti.
PHI 2:26 Inni isin maraa dhaggiisaaf dharra'eera; akka inni dhukkuffateeru waan dhageettanelle'eef yaadeera.
PHI 2:27 Inni dhugumaan akka malee dhukkuffatee du'a geyeeraayyu. Waaqi ammoo isaaf marareera; isa calla'aaf adoo hin te'in, akka ani gadda irratti gadda hin dabalanneef analle'eef marareera.
PHI 2:28 Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera.
PHI 2:29 Maarre maqaa Gootta'aatiin gammada guutu'uun isa fudhadha'a; nama akka isaa jiru mara ulfeessa'a.
PHI 2:30 Qarqaarsa isin naaf kennuu hin dande'in guutiisaaf jedhee, adoo jiruu ifiitiifille hin qorin, hujii Kiristoosiitiif du'a geyeeraayyu.
PHI 3:1 Muummee irratti, obboleeyyan tiyya! Gootta'atti gammada'a; waan kanaan dura isiniif barreesse irra deebi'ee yoo isiniif barreesse na hin bagsiisu; kun isinille dokonkora irraa hin eega.
PHI 3:2 Worra akka sare'ee foon nafa namaa kukkutiisaan, hantuu godhu irraa ifi eeggadha'a!
PHI 3:3 Nuuti worra Ayyaanaan Waaqa waaqonfannuu fi worra Yesuus Kiristoosiin ifi jajnu malee, worra sirna fooniititti addannu waan hin te'iniif, dhugumaan haqanqabaa qabanneerra.
PHI 3:4 Adoo waan ifi jajiis barbaachisaa te'e, ani waan heddu'uun ifi jajiisaaf hin dande'a; nami sirna fooniitiin ifi jaju yoo jiraate, ani isa caalaa waan ittiin ifi jaju qaba.
PHI 3:5 Dhaladhee guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabadhe; sanyii Israa'elii, gosa Beniyaamii keessaa dhaladhe. Abbaan kiyyaa fi haati tiyya Ibroota waan te'aneef ani Ibraawicha makaa hin qanne; karaa seera eegatiisaatille'een, ani worra Fariisaayotaa keessaa tokko.
PHI 3:6 Seera kanaaf hinaafiisaan wolde'a kiristaanaa miidhaa ture; balchummaan seera eegatiisaan waan dhaggantu adoo teetee, ani komii hin qabuuyyu.
PHI 3:7 Amma ammoo Kiristoosiif jedhee, waan bu'aa naaf qabu maraa akka waan bu'aa hin qanneetitti laakkoweera.
PHI 3:8 Kana calla'aa moti; Goottaa kiyya Yesuus Kiristoos beekuun, waan mara waan caaluuf, ani waan maraa akka waan bu'aa hin qanneetitti hin laakkowa; Kiristoos bu'aa kiyya godhatiisaaf kun maraa naaf waan bu'aa hin qanne te'eera; akka kosi'iille laakkoweera.
PHI 3:9 Akkisiin ani ka Kiristoosii te'ee dhaggame. Maarre balchummaan tiyya ta seera eeggatiisaan dhaggante adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan ta dhaggante; balchummaan tun Waaqa irraa dhutti; dhugeeffannaa irralle'etti hundootti.
PHI 3:10 Ani Kiristoosii fi hunna du'aa ka'a isaa beekuu, rakkinna isaa qoodamu'uu fi du'alle'een isa fakkaatuu barbaada.
PHI 3:11 Du'aa ka'ee akka jiraadhu hin addadha.
PHI 3:12 Kana maraa dhaggadheera yookiin guutadheera jechu'uu moti; ammoo Kiristoos ka ifii na godhatee badhaasa naaf qopheesse san harkatti galfatiisaaf hin mixiixxadha.
PHI 3:13 Obboleeyyan tiyya! Ani ammalle akka waan harka keessa galfadheetitti hin laakkowu. Te'uu malee ani waan tokko hin godha; waan duubatti hafe lakkisee, gara waan na dura jiruutitti hiixadha.
PHI 3:14 Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubba'aa na waamee naaf kennu.
PHI 3:15 Yoona nuuti worri jiruu ayyaanaatiin bilchaanne maraa yaada tokko qabaatuu qanna; waan tokko tokko irratti yaada adda addaa yoo qabaattanelle, Waaqi sanille isiniif hin mudhisa.
PHI 3:16 Te'uu malee waanuma duraan baranne callaa jabeessinee qabannuu ti.
PHI 3:17 Obboleeyyan tiyya! Fakkeenna kiyya hordofiisatti hirmaadha'a! Worra fakkeenna keenna hordofulle hubadha'aa ilaala'a!
PHI 3:18 Kanaan dura akkuma yennaa hedduu isinitti hime, ammalle imimmaaniin isinitti hima; worri hedduun fannoo Kiristoosiitiif diina te'aneeran.
PHI 3:19 Muummeen isaanii badi'i; gadhaan isaanii waaqa isaanii ti; salphinni isaaniif ulfinna; waan lafaa qofa yaadatan.
PHI 3:20 Nuuti ammoo nama biyya ol-gubba'aa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra'aan eeganna.
PHI 3:21 Inni hunna ittiin waan mara baallii ifii jala godhuun, nafi keenna salphataan kun, nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.
PHI 4:1 Maarre tanaaf, obboleeyyan tiyya ta ani jaaladhuu fi dharra'u, ta gammadaa fi kallacha kiyya teetane, Gootta'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a.
PHI 4:2 Obboleettoti teenna Ewodiya'aa fi Sinxiikeen maqaa Gootta'aatiin gadhaa tokko akka te'anu daadimadha.
PHI 4:3 Atille waa'elli kiyya addatamaan, dubartoota tana akka qarqaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te'anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf na woliin jabaatanee hujaneeran.
PHI 4:4 Yennaa mara Gootta'aan gammada'a! Ittuma deebi'ee jedha, gammada'a!
PHI 4:5 Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera.
PHI 4:6 Maarre daadimataan, gaaffi'ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa'a malee waan tokkolle'eef hin yaadina'a.
PHI 4:7 Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha'aa fi qalbii teessan hin eega.
PHI 4:8 Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa'aa fi waan galateeffachiisuun guuta'a: waan dhugaa te'e, waan ulfinnaa, waan sirrii te'e, waan qulluu te'e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha'a!
PHI 4:9 Waan na irraa barattane, waan na irraa fudhattane, waan na irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha'a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.
PHI 4:10 Yennaa heddu'uun duuba ammalle naaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta'atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan naaf yaadataa turtane; huji'iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne.
PHI 4:11 Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu'uu moti; ani, «Ka qabuu na geya» jechuu baradheera.
PHI 4:12 Ani waan diqqo'oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te'e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera.
PHI 4:13 Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.
PHI 4:14 Te'uu malee rakkinna kiyya waan qoodantaneef, dansaa gootaneertan.
PHI 4:15 Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya'aa baye, isin malee wolde'i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na qarqaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan.
PHI 4:16 Yennaa ani Tasalonqeelle'etti rakkadhe, itti deddeebitanee qarqaarsa naaf ergitaneertan.
PHI 4:17 Kenniisaan ittuma eebba akka dhaggattanuuf malee, kennaa teessan dhaggatiisaaf barbaadeetii moti.
PHI 4:18 Waan naaf barbaachisuu fi haga naaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijootteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti.
PHI 4:19 Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa.
PHI 4:20 Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen.
PHI 4:21 Kolbaa Waaqaa maratti maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nageya naaf hima'a; obboleeyyan asi na woliin jirtulle nageya isiniif dhaanti.
PHI 4:22 Kolbaa Waaqaa mara, keessattuu worri mana mootii worra Rooma'aa keessa jiru nageya isiniif dhaama.
PHI 4:23 Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
COL 1:1 Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa,
COL 1:2 dhugeeffattoota Kiristoosiin woyyoontanee fi addatantane, ka qachaa Qolosaayisii keessa jirtanuuf: Waaqi Abbaan keenna badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.
COL 1:3 Yennaa isiniif daadimannu, yennaa mara Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin galateeffanna.
COL 1:4 Sababille Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatuu keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalachuu keessan dhageenneerra.
COL 1:5 Jecha Waaqaa ka teete Oduun Gammadaa, yennaa jalqaba gara keessan geette, addii isii keessa jirtu dhageettaneertan; tanaaf dhugeeffanna'aa fi jaalalli keessan addii ol-gubba'atti qophoottee, isin eegattu irratti hundootte.
COL 1:6 Isin Oduu Gammadaa tana haga dhageettanee fi dhugummaa badhaadha Waaqaalle guyyaa hubattaneen jalqaddanee, Oduun Gammadaa tun odduu teessanitti akkuma teete, biyya lafaa duudii keessatti midhaan buusiisaa fi guddatiisatti jirti.
COL 1:7 Ephafraas jaalatamaa ka addee teenna bu'ee tajaajilaa addatamaa Kiristoosii te'ee fi ka nu wolille'een hojjatu irraa tana barattaneertan.
COL 1:8 Ayyaana Waaqaatiin isin wol jaalatiisa keessanille inni nutti himeera.
COL 1:9 Tanaaf guyyaa waan kana dhageennee jalqannee, isin qaroomaa fi hubantii Ayyaanaa maraan, beekkuma guutuu ka ittiin fedhii Waaqaa hubatanu akka qabaattanu isiniif daadimatiisaa fi Waaqa gaafatiisa hin lakkinne.
COL 1:10 Akka isin akka Gootta'aa maltetti le'iisaan guutuma guutu'utti isa gammachiittanu, hujii dansaa hujiisaan midhaan akka buuttanuu fi Waaqalle beekiisaan ittuma guddattanu hin daadimanna.
COL 1:11 Goottaan hunna ifii ulfaata'aan, jabeenna isiniif kennu; waan mara ossaan dande'iisaafille ka gammaddanu isin godhu.
COL 1:12 Mootummaa ifaa keessatti worra woyyicha woliin dhaala akka qoodattanu, Waaqa Abbaa isin geessiselle gammadaan galateeffadha'a.
COL 1:13 Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera.
COL 1:14 Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra.
COL 1:15 Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti.
COL 1:16 Sababilleen wonni ol-gubba'aa fi lafa irra jiru, wonni mudhatuu fi hin mudhanne, hunnootii fi bulchitooti ol-gubba'aa, dura aantole'ee fi worri baallii qabanu duudiinuu isaan dadamane. Waaqi waan duudii karaa isaatii fi isaaf dade.
COL 1:17 Inni waan duudi'iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate.
COL 1:18 Inni wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eef mata'a; waan maraan ka durse te'iisaaf, du'aa ka'iisalle'een ka qaraatii fi ka jalqabaa ti.
COL 1:19 Guutummaa waaqumma'aa Ilma isaa keessa akka jiraattu, fedha Waaqa Abba'aa waan te'eef tun teete.
COL 1:20 Waaqi waan ol-gubbaa jirulle te'ee, waan lafa irra jiru mara ifi woliin araarse; dhiiga Ilma ifii ka fannoo irratti jigeen nageya buuseera.
COL 1:21 Duraan Waaqa irraa fagaattanee le'aa turtane; waan hantuu yaadiisaa fi hujiisaan diina isaa teetaneertaniiyyu.
COL 1:22 Amma ammoo woyyoole'ee fi qulqulloolee, ka komiille hin qanne isin godhee fuula ifii duratti dhikeessiisaaf, Ilmi isaa nafa namumma'aatiin waan du'eef Waaqi ifi woliin isin araarse.
COL 1:23 Te'uu malee dhugeeffanna'aan hundoottanee, jabaattanee dhaabbachu'uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho'ina'a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa te'eera.
COL 1:24 Ani amma isiniif rakkachuu kiyyaan hin gammada; marroo wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eelle, rakkinna Kiristoosii qoodamiisa irraa waan naa dhidhate foon kiyyaan rakkatiisaan hin guuta.
COL 1:25 Jecha Waaqaa guutuma guutu'utti isiniif mudhisiisaaf, akkuma itti gaafatamummaan naa kennantetti ani tajaajilaa wolde'a kiristaanaa te'eera.
COL 1:26 Jechi Waaqaa kunille, dhossaa baroota dabarane ilmaan namaa duraa dhokattee turtee, amma ammoo kolbaa isaatitti mudhifante.
COL 1:27 Waaqi dhossaa ifii ta ulfinna guutuu qaddu tana worra Yihudoota hin te'in oddu'utti, kolbaa ifiititti mudhisuu filateera. Dhossaan mudhatte tunille Kiristoosii isin keessa jiru; inni ulfinna isin dhaggattanuuf addii keessan.
COL 1:28 Maarre nuuti nama maraaf Kiristoos lallanna. Nami mara Kiristoosiin ka bilchaate akka te'u, qarooma maraan nama mara hin gorsina, hin barsiinnalle'e.
COL 1:29 Tun akka teetuuf, karaa hunna jadduu Kiristoos kennuu, ta ana keessatti hujiisatti jirtuutiin, ani wodhaantoo qabataa itti elowa.
COL 2:1 Ani isinii fi worra Laa'odiiqeyaatiif, akkasuma worra fuula kiyya hin dhaggin maraaf attam akka elowiisatti jiru akka beettanu barbaada.
COL 2:2 Akka gadhaan isaanii jajjabaatuu fi jaalalaan wolitti hidhamanee, hubantii durummaa addachiittuu maraa fi dhossaa Waaqaa ka te'e Kiristoos akka beekanuuf tana godha.
COL 2:3 Karri qaroomaatii fi beekkumaa marti Kiristoos keessa dhoffantee jirti.
COL 2:4 Akka eennulle jecha dansaa fakkaatuun isin hin sonneef ani tana jedha.
COL 2:5 Ani fooniin isin woliin jiraachuu dhabulle ayyaanaan isin woliin jira; seera dansa'aan le'uu keessanii fi dhugeeffannaa jadduu isin Kiristoositti qaddanu dhaggiisatti hin gammada.
COL 2:6 Yoona Yesuus Kiristoos Goottaa godhattanee, akkuma fudhattanetti isaan le'a'a.
COL 2:7 Akkuma barattanetti hidda gadi naqadha'aatii, isatti ijaarama'aatii, dhugeeffannaa teessaniin jabaadha'a; galata guutee dhangala'ulle dhiyeessa'a.
COL 2:8 Akka barsiisa Kiristoosiititti adoo hin te'in, qarummaa namaatii fi gowwoonsiisa waan tokko ifi keessaa hin qanne, ka aadaa namaatii fi ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu irratti hundayeen, eennulle akka isin hin boojine ifi eegadha'a.
COL 2:9 Guutummaan waaqumma'aa mijuun Kiristoosiin nafaan mudhattee jiraatti.
COL 2:10 Isinille Kiristoosii dada ifii duudii irratti mataa bulchiisaatii fi baallii maraa te'een, jiruu guutuu dhaggattane.
COL 2:11 Isin waan isaan jirtanuuf haqanqabaa qabattaneertan; haqanqabaa qabatuun keessan kunille namummaa foonii cubbicha balleessiisaaf ka Kiristoosiin te'e malee, ka harka namaatiin te'ee moti.
COL 2:12 Yennaa cuuphantane Kiristoos woliin awwaalantane; isa wolille'een du'aa kaataneertan; hunna Waaqaa ka Kiristoos du'aa kaasetti waan dhugeeffattaneef, du'aa kaatane.
COL 2:13 Cubbaaleyyii te'uu keessanii fi foon cubbaalessi keessan sun waan haqanqabaa hin qabatiniif isin worra du'eeru; amma ammoo Waaqi Kiristoos woliin jireeyyii isin godheera; yakkaa teessanille duudii isiniif araarameera.
COL 2:14 Inni barreeffama beenya'aa ka seera keessa jiru, ka nu himataa nu'uun mormaa ture san balleesseera; fannoo irralle'etti diree nu irraa balleesseera.
COL 2:15 Worra hunnaa fi baallii ayyaanaa qabu fannoo saniin injifatee, hidhata isaaniille hiissisee, badhinnatti bayanee akka mudhatanu godhee itti geerare.
COL 2:16 Yoona marroo nyaataatii yookiin marroo unto'ootii, marroo guyyaa jilaatii yookiin marroo baatii laakkowu'uu, yookiin marroo Sanbata ulfeessu'uutiif eennulle isinitti hin murin.
COL 2:17 Isaan kun waan gara duraa dhufuuf akka gaaddiddu'uu ti; dhugaan ammoo Kiristoos keessa jirti.
COL 2:18 Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubba'aa waaqonsiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha'a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja.
COL 2:19 Nami akkasii, Kiristoosii mataa nafaa te'eerutti qabatiisa lakkiseera; nafa duudii mitika'aa fi ribu'uun wolitti qassiisee ka nyaachisu mata'a; akkasiin guddinna Waaqi fedhu nafi guddata.
COL 2:20 Eega Kiristoos woliin duutanee, ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu jalaa bilisa baatane, maaf akka waan ka biyyaa lafaa teetaneetitti leetan ree? Maaf seera,
COL 2:21 «Kana harkaan hin qabin, san afaaniin hin qabin, kaan hin tuqin!» jedhuuf ajajantan ree?
COL 2:22 Kun maraa ajaja nami baasee fi barumsa namaa irratti waan hundayeeruuf, hujii irra ooleen duuba bu'aa hin qabu.
COL 2:23 Seeroti akkasii kun, waaqonfannaa fedha ifii, ifi gad qabiisa dharaatii fi nafa ifii rakkisuu irratti waan xiyyeeffatanuuf, waan qarooma qabanu fakkaatan; karaa halchaa foonii toowatiisaatiin ammoo gatii hin qabanu.
COL 3:1 Yoona eega Kiristoos woliin du'aa kaatane, waan ol-gubbaa addee Kiristoos midda Waaqaatitti tee'eeru jiru barbaada'a!
COL 3:2 Marroo waan ol-gubbaa jiruu yaadadha'a malee, marroo waan lafa irra jiruu hin yaadatina'a.
COL 3:3 Isin duutaneertan; jiruun teessanille Kiristoos woliin Waaqa keessa dhokatteerti.
COL 3:4 Kiristoosiin jiruu nuuf te'e yennaa mudhatu, isinille isa woliin ulfinnaan hin mudhattan.
COL 3:5 Tanaaf halchaa le'ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu'uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te'e joljoluu ijjeesa'a.
COL 3:6 Sababa waan kanaatiif worra hin ajajanne irratti mufiin Waaqaa hin dhutti.
COL 3:7 Isinille yennaa worra waan akkasii huju odduu leetanu san waan kana tolchaa turtane.
COL 3:8 Amma ammoo; mufii, aarii, jallu'uu fi maqaa wolii balleessuu mara ifi irraa balleessa'a; dubbiin nama fokkisiittulle afaan keessan keessaa hin bayin.
COL 3:9 Namummaa dullacha hujii isaa woliin ifi irraa baattanee waan gattaneertanuuf, dhara wolitti hin dubbatina'a.
COL 3:10 Namummaa haareyalle uffattaneertan; isiille ta akka guutuma guutu'utti isa beettanuuf, Waaqi isii dade fakkeenna ifiititti haaressiisatti jiru.
COL 3:11 Akka kanaan worra Giriikootaatii fi worra Yihudootaa, worra haqanqabaa qabatee fi ka haqanqabaa hin qabatin, orma beekkichaa fi orma gowwicha, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qanne odduu garaa garummaan hin jirtu; Kiristoos ammoo duudi'i, duudii keessa jira.
COL 3:12 Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma'aa fi ossata uffadha'a.
COL 3:13 Wol dande'a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama'a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama'a.
COL 3:14 Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju'uun wolitti hidhu uffadha'a.
COL 3:15 Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te'iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te'a.
COL 3:16 Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le'uu ti; qarooma duudi'iin wol barsiisa'a, wol gorsa'a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti'iin Waaqa gadha'aan galateeffataa faarsa'a.
COL 3:17 Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji'iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha'a.
COL 3:18 Haadhotii manaa! Goottaa duratti waan male waan te'eef abbootii manaa keessaniif ajajama'a.
COL 3:19 Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaaladha'a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te'ina'a.
COL 3:20 Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te'eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama'aatii, waan isaan jedhanu mara godha'a.
COL 3:21 Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina'a.
COL 3:22 Worri garbooma jala jirtanu! Goottolee teessan ta lafaatiif waan maraan ajajama'a; ila isaanii duraa fi isaan gammachiisuu qofaaf adoo hin te'in, Goottaa sodaatiisaa fi gadhaa qajeela'aan isaaniif ajajama'a.
COL 3:23 Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te'in, akka waan Gootta'aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha'a.
COL 3:24 Sababille Goottaan dhaala ol-gubba'aa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos.
COL 3:25 Nama woli caalchisuun Waaqa bira waan hin jirreef, nami balleessaa huju, balleessaa ifii saniif gatii hin dhaggata.
COL 4:1 Goottole'e! Isinille ol-gubba'atti Goottaa akka qaddanu beeka'aatii, tajaajiltoota teessan qajeelumma'aa fi wol qixxumma'aan bulcha'a.
COL 4:2 Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha'a.
COL 4:3 Akkasuma dhossaa Kiristoosii, ka ani marroo isi'iitiif hidhamee jirulle lallabiisaaf akka dandeennu, Waaqi ergaa ifiitiif akka karaa nuu banu daadimadha'a.
COL 4:4 Anille akka maltetti ifa tolchee ergaa isaa akka dubbadhu naaf daadimadha'a.
COL 4:5 Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le'a.
COL 4:6 Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi'awu te'uu ti.
COL 4:7 Tikiqoos, marroo waan kiyyaa waan mara isinitti hin hima; inni tajaajilaa addatama'aa fi lansa kiyya ka hujii Gootta'aa na woliin huju.
COL 4:8 Akka inni marroo teenna isinitti himuu fi gadhaa keessan jajjabeessuuf, isa gara keessan erge.
COL 4:9 Isa wolille'een nama keessan ka te'e, obboleessi addatama'aa fi jaalatamaan Oneesimoos gara keessan hin dhufa; isaan waan asitti te'iisatti jiru duudii isinitti hin himan.
COL 4:10 Arisxaarkosiin na woliin hidhameeru nageya isiniif dhaama. Durriin Baarnaabaasii Maarqoosiin ani duraan, «Yennaa inni gara keessan dhufe fudhadha'a jedhee isin yaadachiiselle» nageya isiniif dhaama.
COL 4:11 Yoshu'aan Yusxos jedhamulle nageya isiniif erga; worra marroo mootummaa Waaqaatiif na woliin huju keessaa, worri Yihudootaa kana qofa; isaan analle jajjabeessaneeran.
COL 4:12 Akkasuma Ephafraasiin nama keessan te'e, tajaajilaan Kiristoos Yesuusii nageya isiniif erga; jiruu ayyaanaatiin guddatiisaan jabaattanee, akka dhaabbattanuu fi fedha Waaqaa mara akka muummessitanu, inni yennaa mara isiniif jabaatee daadimata.
COL 4:13 Inni isinii fi worra qachoota Laa'odiiqeya'aatii fi Heraapholisii keessa jiruuf guddoo akka elowe aninuu dhugaa hin bayaaf.
COL 4:14 Cidheessi jaalatamaan Luqaasii fi Deemaas nageya isiniif dhaaman.
COL 4:15 Obboleeyyan Laa'odiiqeyaa keessa jirtu Niimfa'aa fi wolde'a kiristaanaa ka mana isi'iititti wolitti qabamuuf nageya naa hima'a!
COL 4:16 Xalayaa kana ifii dubbifattaneen duuba, wolde'a kiristaanaa ka Laa'odiiqeyaa keessa jirulle'etti akka dubbifamu godha'a. Isinille xalayaa Laa'odiiqeyaa irraa ergamu dubbifadha'a.
COL 4:17 Arkiphosille'een, «Hujii karaa Gootta'aatiin fudhatte san akka muummessitu te'i» jedha'aa naa hima'a.
COL 4:18 Ani Phawuloos nageya kana harkuma kiyyaan isiniif barreesse; akka ani wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiru yaadadha'a! Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.
1TH 1:1 Phawuloos, Silwaanosii fi Ximootewoos biraa: Wolde'a kiristaanaa, ka Waaqa Abba'aatii fi Goottaa Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf: Badhaadhaa fi nageenni isiniif te'u.
1TH 1:2 Nuuti daadimata keenna keessatti isin qaabataa, yennaa duudii marroo isin maraatiif Waaqa galateeffanna.
1TH 1:3 Waaqa Abbaa keennaa duratti hujii dhugeeffannaa teessanii, jaalalaaf jettanee attam akka dadhaddanee fi addiin isin Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti qaddanu attam jadduu akka teete hin qaabanna.
1TH 1:4 Obboleeyyan tiyya, akka Waaqi isin jaalatee isin fooyate hin beenna.
1TH 1:5 Oduun Gammadaa ta nuuti isiniif lallanne hunnaan, Ayyaana Woyyichaa fi mirkaneeffata guutu'uun malee, oduu calla'aan gara keessan hin dhunne. Yennaa isin woliin turre, isiniif jennee attam akka leene hin beettan.
1TH 1:6 Isin guddoo rakkattanulle, ergaa Ayyaana Woyyicha irraa dhutte gammadaan fudhattanee, nu'uu fi Goottaa keenna fakkaattaneertan.
1TH 1:7 Maarre isin dhugeeffattoota Maqedooniya'aa fi Akaayyaa keessa jirtu duudi'iif fakkeenna teetaneertan.
1TH 1:8 Dubbiin Gootta'aa ta isin biraa kaate, Maqedooniya'aa fi Akaayya'atti dhage'amuu callaa adoo hin te'in, dhugeeffannaan isin Waaqatti qaddanu addee mara dhaqqaddeerti. Tanaaf marroo waan kanaa womaa dubbatiisa nu hin barbaachisu.
1TH 1:9 Yennaa nuuti gara keessan dhunne attam akka nu fudhattane, Waaqa jiraata'aa fi dhugicha tajaajiliisaaf, waaqota dharaa irraa deebitanee, gara Waaqaa attam akka deebitane isaanuu hin himan.
1TH 1:10 Akkasuma isaan Ilma isaa Yesuus, ka ol-gubbaa irraa dhufu, ka inni du'a keessaa kaase, ka mufii Waaqaa ta dhuttu jalaa nu baasu akka eegattanu hin himan.
1TH 2:1 Obboleeyyan tiyya, gara keessan dhufiis keenna ka gatii hin qanne akka hin te'in isinuu hin beettan.
1TH 2:2 Nuuti gara keessan adoo hin dhufin dura, Filiphisiiyuusitti akka rakkannee fi arraffanne hin beettan. Mormiin guddoon nu dhaqqaddulle, Oduu Gammadaa ta isa irraa dhutte akka isiniif hinnu Waaqi keenna jajjabeenna nu'uuf kenne.
1TH 2:3 Nuuti dokonkoraan, yookiin yaada hammeennaatiin, yookiin maltumma'aan isin hin gorsine.
1TH 2:4 Waaqi nu addatee, Oduu Gammadaa maganne'een waan nutti kenneef hin dubbanna. Nuuti nama gammachiisiisaaf adoo hin te'in, Waaqa gadhaa keenna qoree ilaalu, gammachiisiisaaf tana goona.
1TH 2:5 Dubbii sossobaatiin, yookiin joljolummaa teenna gollannee gara keessan akka hin dhufin miidhassitanee hin beettan! Waan kana Waaqille hin beeka.
1TH 2:6 Nuuti isin irraa yookiin worra dhibii irraa, nama tokko irralle'ee galata hin barbaanne.
1TH 2:7 Nuuti akka ergantoota Kiristoosiititti waan barbaachisaa te'e isin gaafatuu hin dandeennaayyu. Ammoo akka haadha daa'ima ifii hoosittee guddittuu, qajeelumma'aan odduu teessan leene.
1TH 2:8 Nuuti waan guddoo isin jaalannuuf, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte callaa adoo hin te'in, jiruu teennalle isiniif qoodiisaaf qophoonneerraayyu. Sababille isin jaalota teenna!
1TH 2:9 Obboleeyyan tiyya, attam akka hunyee fi akka dadhanne hin qaabattan. Nuuti isin keessaa nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa hujataa, Oduu Gammadaa isiniif lallanne.
1TH 2:10 Isin worra dhugeeffattane oddu'utti adabi keenna qulluu, balcha'aa fi ka komii hin qanne akka te'e isin dhugaa baatota; Waaqille nuuf dhugaa baya.
1TH 2:11 Nuuti tokko tokkoo keessan, akka abbaan ijoollee ifii ilaalutti, akka ilaalle hin beettan.
1TH 2:12 Le'ii Waaqa gara mootummaa ifiitii fi ulfinna ifiititti isin waame gammachiittu akka leetanu isin gorsaa, jajjabeessaa, magannee isiniin jenneerra.
1TH 2:13 Nuuti marroo teessaniif yennaa maraa waan Waaqa galateeffannu qanna. Jecha Waaqaa, ka nuuti isiniif lallanne yennaa dhageettane, akka dubbii namaa adoo hin te'in akka jecha Waaqaatitti fudhattaneertan; jechi kun dhugumaan jecha Waaqaa, kama isin worra dhugeeffattane keessatti hujiisatti jiru.
1TH 2:14 Obboleeyyan tiyya, isin fakkeenna worra biyya Yihuda'aa, ka Yesuus Kiristoosiin wolde'oota kiristaana Waaqaa te'anee hordottaneertan. Akkuma isaan harka worra Yihudootaatitti rakkatane, isinille harka kolbaa teessaniititti rakkattaneertan.
1TH 2:15 Worri Yihudootaa Goottaa Yesuusii fi raagota ijjeesanee, nu'ulle miidhane. Isaan Waaqa hin gammachiisanu, nama tokkolle'een wolii hin galanu.
1TH 2:16 Worra Yihudoota hin te'iniif, jecha isaan fayyisuuyyuu akka hin dubbanne nu dhooggan. Akkasiin yennaa maraa cubbuu ifi irratti fakkanfataa deeman. Amma gara muumme'eetitti mufiin Waaqaa isaan irratti dhutteerti.
1TH 2:17 Obboleeyyan tiyya, gadhaan keenna adoo isin bira jiruu, yennaa diqqo'oof ilaan wol dhagguu dhannee gargar baanulle, waan guddoo isin dharraaneef ila teennaan isin dhaggiisaaf guddoo wodhaanneerra.
1TH 2:18 Nuuti gara keessan dhufiisaaf barbaanneerraayyu. Keessumattuu ani Phawuloos yennaa hedduu wodhaane; Seexanni ammoo nu kute.
1TH 2:19 Addiin teenna, gammadi keenna, kallachi ulfinnaa ka nuuti Yennaa Goottaan keenna Yesuus dhufu dura dhaabbannee, ittiin ifi jajnu isin malee eennu ree?
1TH 2:20 Dhugumaan, ulfinnii fi gammadi keenna isin.
1TH 3:1 Maarre kana caalaa ossuu dadhannaan, qofii teenna ollaa Ateena'aatitti hafiisaaf murteeffanne.
1TH 3:2 Dhugeeffanna'atti akka isin jabeessuu fi jajjabeessu, obboleessa keenna ka lallabaa Oduu Gammadaa ta Kiristoosii te'ee, nu woliin Waaqaaf tajaajilu Ximootewoos gara keessan ergineerra.
1TH 3:3 Sababa rakkinna kanaatiif nami tokkolle akka hin raafanne tana goone. Rakkinni akkanaa kun ka nu dhaqqabu'uu male akka te'e isinuu hin beettan.
1TH 3:4 Isin bira adoo jirruu akka rakkinni nu dhaqqabu dursineetuu hinneerra. Akkuma isin beettanu dhugumaan wonni kun teeteerti.
1TH 3:5 Waan kanaaf ani kana caalaa ossuu dadhannaan, Seexanni isin ataabee hujiin teennaalle tola fa'a baddee jiraatti jedhee sodaadhee, dhugeeffannaa teessan beekiisaaf Ximootewoos erge.
1TH 3:6 Amma ammoo Ximootewoos isin biraa deebi'ee, marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala keessanii oduu nu gammachiittu fidee dhufeera. Akka isin yennaa maraa waan dansa'aan nu yaadattanuu fi akkuma nuuti isin dhaggiisaaf guddoo dharraanu, isinille akka nu dhaggiisaaf dharraatanu inni nutti hime.
1TH 3:7 Tanaaf obboleeyyan tiyya, rakkoo fi farra keenna maraa keessatti, sababa dhugeeffannaa teessaniitiif isiniin jajjabaanneerra.
1TH 3:8 Sababille Gootta'aan jabaattanee yoo dhaabbattane, jiruun teenna haareffantee leeti.
1TH 3:9 Nuuti fuula Waaqa keennaa duratti, gammada marroo teessaniif nutti dhage'ameef Waaqa galateeffanna.
1TH 3:10 Nuuti ila teennaan isin dhaggiisaa fi waan dhugeeffannaa teessan irraa dhidhatte guutiisaaf halkanii fi guyyaa jabeessinee daadimanna.
1TH 3:11 Amma Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus gara keessan akka dhunnu karaa nu'uuf qajeelchu!
1TH 3:12 Akkuma nuuti isin akka malee jaalannu, jaalaltiin isin wolii fi worra dhibii maraaf qaddanu ittuma dabalantee akka fakkantu Goottaan godhu.
1TH 3:13 Guyyaa Goottaan keenna Yesuus woyyoota ifii duudii woliin deebi'ee dhufutti, komii malee woyyumma'aan fuula Waaqa Abbaa keennaa dura akka jiraattanu inni isin jabeessu.
1TH 4:1 Muummee irratti, obboleeyyan tiyya, Waaqa gammachiisiisaaf attam akka leetanu nu irraa barattaneertan. Ammaa tana dhugumaan akka san le'iisatti jirtan; tana caalaalle akka gootanu, maqaa Goottaa Yesuusiitiin isin gaafataa isin gorsina.
1TH 4:2 Nuuti baallii Goottaa Yesuusiitiin ajaja isinii kennine hin beettan.
1TH 4:3 Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha.
1TH 4:4 Nami duudiin haadha manaa woyyumma'aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti.
1TH 4:5 Akka worra Yihudoota hin te'inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin.
1TH 4:6 Nami tokkolle waan kana irra taree dhugeeffataa dhibii hin yakkin. Akkuma tanaan qara isin ifi eegachiinne, worra waan kana godhu Goottaan hin adaba.
1TH 4:7 Waaqi woyyumma'aan akka leenu malee, akka battumma'aan leenuuf nu hin waanne.
1TH 4:8 Tanaaf, nami barsiisa kana tuffatu, nama adoo hin te'in, Waaqa Ayyaana Woyyicha ifii isiniif kennu tuffata.
1TH 4:9 Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreessiisa hin barbaachisu.
1TH 4:10 Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya'aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina.
1TH 4:11 Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le'iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha'a.
1TH 4:12 Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.
1TH 4:13 Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du'ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna.
1TH 4:14 Yesuus du'ee, du'a keessaa akka ka'e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du'e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna.
1TH 4:15 Akka barsiisa Gootta'aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi'ee dhufu adoo hin du'in jirru, worra du'eeru hin dursinu.
1TH 4:16 Qoonqoo ajaja gudda'aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e, dursee hin ka'a;
1TH 4:17 achiin duuba nuuti worri adoo hin du'in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta'aan wolde'iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.
1TH 4:18 Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa'a.
1TH 5:1 Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu.
1TH 5:2 Guyyaan Gootta'aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan.
1TH 5:3 Namooti, «Wonni duudiin nageya, qabbana» adoo jedhanuu, akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu.
1TH 5:4 Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu'uu isinitti hin dhufu.
1TH 5:5 Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya'aa ti. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti.
1TH 5:6 Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi'ii me rannuu ti.
1TH 5:7 Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa.
1TH 5:8 Nuuti ammoo worra guyya'aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna'aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti.
1TH 5:9 Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi'iif nu hin waanne.
1TH 5:10 Nuuti jiraannulle yookiin duunulle isa woliin akka jiraannuuf, Kiristoos nu'uuf du'e.
1TH 5:11 Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara'a.
1TH 5:12 Obboleeyyan tiyya! Worra odduu teessanitti jabaatee hujaa, karaa Gootta'aatiin isin sooressuu fi gorsu akka ulfeessitanu isin kadhanna.
1TH 5:13 Sababa hujii isaan hujanuutiif jaalalaan guddisa'aa isaan ulfeessa'a. Isinille woliif nageya qabaadha'a.
1TH 5:14 Obboleeyyan tiyya! Worra hujii jibbu akka xixxanu, worra yaraa akka jajjabeessitanu, worra dadhabaa akka qarqaartanu, nama maraaf akka ossattanu isin gorsina.
1TH 5:15 Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi'iif dansaa godhiisaaf yaadadha'a malee, nami tokkolle waan hantu'uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha'a.
1TH 5:16 Yennaa mara gammada'a;
1TH 5:17 yennaa mara daadimadha'a;
1TH 5:18 waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha'a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.
1TH 5:19 Ayyaana Woyyicha hin ukkaansina'a;
1TH 5:20 jecha raagaa hin tuffatina'a;
1TH 5:21 ammoo waan maraa qorqora'aa ilaala'a; waan dansaa qabadha'a;
1TH 5:22 waan hantuu duudii irraa fagaadha'a.
1TH 5:23 Waaqi Abbaan nageyaatuu, guutumatti isin woyyoonsu; ayyaanni keessan, lubbuun teessanii fi nafi keessan duudiin komii malee, guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif eegamu.
1TH 5:24 Ka isin waame addatamaa waan te'eef, inninuu tana hin godha.
1TH 5:25 Obboleeyyan tiyya! Nu'uufille daadimadha'a.
1TH 5:26 Sunqata woyyichaan dhugeeffattoota duudii nageya fuudha'a.
1TH 5:27 Ergaa tana akka dhugeeffattoota duudi'iif dubbittanu maqaa Gootta'aatiin maganne'e isiniin jedha.
1TH 5:28 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
2TH 1:1 Phawuloos, Siilaasii fi Ximootewoos biraa: Wolde'a kiristaanaa ka Waaqa Abbaa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf:
2TH 1:2 Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos nageyaa fi badhaadha isiniif kennu.
2TH 1:3 Obboleeyyan tiyya! Nuuti marroo teessaniif yennaa mara Waaqa galateeffatiisa qanna. Dhugeeffannaan teessan akka malee guddataa, jaalaltiin isin woliif qaddanulle ittuma waan dabalamiisatti jirtuuf, akkas tolchuun keenna sirri'i.
2TH 1:4 Tanaaf miidha'aa fi rakkoo isin dhaqqadde duudii keessatti waan ossattanee fi dhugeeffanna'aan jabaattaneef, nuuti wolde'oota kiristaanaa, ka Waaqaa keessatti isiniin ifi jajanna.
2TH 1:5 Wonni kun maraa, muraan Waaqaa qajeeltuu akka teetee fi isinille mootummaa Waaqaa ta rakkatiisatti jirtanuuf, ka maltane akka te'uuf jirtanu mirkaneessa.
2TH 1:6 Waaqi waan sirrii te'e huja; inni worra isin rakkisutti rakkoo fida.
2TH 1:7 Isin worra amma rakkatiisatti jirtanu, Yesuus ergantoota ifii hunnaameyyii woliin ol-gubbaa irraa yennaa mudhatu nu woliin tana jalaa isin baasa.
2TH 1:8 Inni ibidda bobe'uun mudhata; gaafa san worra Waaqa hin beennee fi Oduu Gammadaa ta Goottaa keenna Yesuusiitiif hin ajajane hin adaba.
2TH 1:9 Isaan fuula Gootta'aatii fi ulfinna hunna isaa irraa gargar bayanee, badii bara baraatiin adabaman;
2TH 1:10 tun guyyaa inni woyyoota ifii irraa ulfinna dhaggatiisaa fi worra dhugeeffatu duudii biralle'etti baaseffatamiisaaf dhufutti teeti. Isinille dhugaa baya teenna waan dhugeeffattaneef, woyyoota isaa woliin laakkowantan.
2TH 1:11 Waaqi keenna worra waamicha isaatiif male akka isin godhuuf, waan dansaa godhiisaaf halchaa qaddanuu fi hujii dhugeeffannaa teessanii mara hunna ifiitiin akka muummessuuf, nuuti yennaa mara isiniif daadimanna.
2TH 1:12 Akkasuma maqaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isiniin akka ulfaatuu fi isinille karaa badhaadha Waaqa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, akka isaan ulfaattanuuf daadimanna.
2TH 2:1 Obboleeyyan tiyya! Marroo dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi marroo isa woliin wolitti qabamiisa keennaa akka beettanuuf, waan isin kadhannu qanna:
2TH 2:2 raagaan yookiin jechaan akka himametti, yookiin akka ergaa nu'u irraa isiniif barreeffantee gootanee «Guyyaan Gootta'aa dhiyaateera» jedhaa dattanee yaadaan hin raafamina'a, yookiin hin rifatina'a.
2TH 2:3 Finqilli adoo hin ka'in dura jallichi ilmi badi'iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollaalchisin.
2TH 2:4 Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille'een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.
2TH 2:5 Ani yennaa isin woliin jiru waan kana duudii akka isinitti hime hin qaabattanuu?
2TH 2:6 Yennuma isaatitti akka inni mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan.
2TH 2:7 Hunni dhossa'aa ta jallu'uu ammumaa hujiisatti jirti; ammoo wonni amma isa dhooggu haga karaa irraa kaatutti wonni sila te'uu malte hin teetu.
2TH 2:8 Achiin duuba jallaamessi sun hin mudhata; Goottaan Yesuus hafuura afaan ifiitiin isa ijjeesee, ulfinna deebi'ee dhufiisa ifiitiin isa balleessa.
2TH 2:9 Jallaamessi sun hunna Seexanaatiin bilbaasota, beessisaa fi baasota dharaa duudii hujaa dhufa.
2TH 2:10 Akkasuma isaan waan hantuu mara hujiisaan worra badu gowwoonsan. Isaan dhugaa isaan fayyittu jaalatanee fudhatuu waan didaneef badan.
2TH 2:11 Tanaaf waan dhugaa hin te'in akka dhugeeffatanuuf, Waaqi hunna isaan wollaalchittu isaanitti erga.
2TH 2:12 Worra hantu'utti gammadee dhuga'atti hin dhugeeffanne duudi'itti akka murantuuf, wonni kun teete.
2TH 2:13 Obboleeyyan Gootta'aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga'atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna.
2TH 2:14 Ulfinna Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii akka dhaggattanuuf, karaa Oduu Gammadaa ta nuuti lallannuutiin Waaqi isin waameera.
2TH 2:15 Yoona obboleeyyan teenna, jabaadha'aa dhaabbadha'a; barsiisa jecha afaaniitiin yookiin ergaa barreeffamaan nu biraa isiniif ergantelle jabeessa'aa qabadha'a.
2TH 2:16 Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifiitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu'uuf kenne,
2TH 2:17 waan dansaa mara akka gootanuu fi akka dubbattanu gadhaa keessan jajjabeessee, isin jabeessa.
2TH 3:1 Muummeffata irratti, obboleeyyan teenna! Jechi Gootta'aa wodhakkaa teessanitti akkuma te'e, ariifatee akka badhatuu fi ulfaatu nu'uuf daadimadha'a.
2TH 3:2 Ammalle worri hedduun dhugeeffannaa waan hin qanneef, harka namoota yakkaameyyi'iitii fi dabaaleyyi'ii irraa akka inni nu baasu nu'uuf daadimadha'a.
2TH 3:3 Goottaan ammoo addatama'a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega.
2TH 3:4 Waan isinitti hinne akka hujaartanuu fi gara duraalle ittuma akka hujjanu Gootta'atti addii qanna.
2TH 3:5 Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti.
2TH 3:6 Obboleeyyan teenna! Kiristaana harka maratee tee'uu fi akka barsiisa nu'u irraa fudhatetti hin leene irraa akka fagaattanu, maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya.
2TH 3:7 Nuuti yennaa isin bira turre harka marannee hin teenne. Fakkeenna keenna fudhatiisa akka maltane isinuu miidhaassitanee hin beettan.
2TH 3:8 Nuuti nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa eloonnee hunye malee, sagalee nama tokkoolle akkasumaan hin nyaanne.
2TH 3:9 Wonni nuuti tana gooneef fakkeenna keenna akka fudhattanuuf malee, waan nu'uuf barbaachisu isin irraa dhaggatiisaaf baallii dhanneetii moti.
2TH 3:10 Nuuti yennaa isin bira jirru, «Nami hujiisa jibbu hin nyaatin» jennee ajaja isiniif kennineerra.
2TH 3:11 Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee'u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu.
2TH 3:12 Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle'e.
2TH 3:13 Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo waan dansaa hujiisa hin dadhabina'a.
2TH 3:14 Ergaa nuuti xalayaa kana keessatti isiniif ergineef, nami hin ajajanne yoo jiraate, hubadha'aa beeka'a; akka inni qaanowuufille waan tokkolle isa woliin hin tolchina'a.
2TH 3:15 Teetuu malee akka obboleessaatitti itti gorsa'a malee, akka diinaatitti hin laakkowina'a.
2TH 3:16 Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Goottaan isin mara woliin jiraatu.
2TH 3:17 Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessisi ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana.
2TH 3:18 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.
1TI 1:1 Ana Phawuloosii, ajaja Waaqa fayyisaa keennaatii fi Yesuus Kiristoosii addii teenna te'eetiin, ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa,
1TI 1:2 Ximootewoosii dhugeeffanna'aan ilma dhuga'aa kiyya ite'e: Badhaadhi, mararti'ii fi nageenni Waaqa Abba'aatii fi Goottaa keenna Kiristoosii siif te'u.
1TI 1:3 Yennaa gara Maqedooniya'aa dhaqu'uuf ka'e akkuma sitti hime kaan, worra garii ka barsiisa sobaa achitti barsiisu, biyya Efesoonii keessa teettee akka isaan dhooggitu fedha.
1TI 1:4 Oduu duriitii fi laakkossa sanyii abbooti'ii ka dhuma hin qanne, akka lakkisanu isaanitti himi. Wonni isaan godhanu kun moromaa callaa kaatti malee, hujii Waaqaa ta dhugeeffanna'aan hujantuuf ta teetuu moti.
1TI 1:5 Yaadi ajaja kanaa ammoo jaalala gadhaa qulluu irraa, wodanaa dansa'aa fi dhugeeffannaa dhuga'aa irraa ka ka'e.
1TI 1:6 Worri gariin kana irraa deebi'anee gara dubbii bu'aa hin qannee deebi'aneeran.
1TI 1:7 Isaan barsiisota seera Waaqaa te'iisaaf barbaadan, ammoo waan dubbatanuuyyuu yookiin waan guutannee beenna jedhanuuyyuu hin hubatanu.
1TI 1:8 Nami akka dansaa ittiin yoo huje seerri dansaa akka te'e hin beenna.
1TI 1:9 Akkasuma seerri worra balchootaaf akka hin tumamin hin beenna; seerri worra seera balleessuuf, yakkaameyyi'iif, worra Waaqa malee jiraatanuuf, worra cubbaaleyyi'iif, worra woyyummaa hin qanneef, worra dhugeeffannaa hin qanne, worra abbaa yookiin haadha ijjeesuuf, ijjeettu'uuf,
1TI 1:10 sagaagaltootaaf, dhiira wol bukkoonsituuf, worra nama butee gurguruuf, worra nama sobuuf, worra dharaan kakatuu fi worra waan barsiisa sirrii te'een masaanuu te'u mara godhuuf tumame.
1TI 1:11 Barsiisi sirrii te'e ammoo Wongeela ulfaataa Waaqa galateeffama'aa, ka ani lallabuuf inni natti kenne keessatti dhaggama.
1TI 1:12 Ani Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, ka addatamaa godhee na laakkowee tajaajila ifiitiif muudee na jabeesse hin galateeffadha.
1TI 1:13 Ani tanaan qara isa faanshessaa, miidhaa irratti geessisaa nama hunnaan isatti ka'u te'ulle, dhugeeffannaa dhabaa fi wollaalchaan tana waan godheef marartii dhaggadheera.
1TI 1:14 Dhugeeffanna'aa fi jaalaltii Yesuus Kiristoosiin dhaggantu woliin badhaadhi guddaan Goottaa keennaa naaf dhangala'eera.
1TI 1:15 Dubbiin, «Kiristoos Yesuus cubbaaleyyii fayyisiisaaf gara biyya lafaa dhufe» jettu dhugitti'ii fi guutuma guutu'utti ta fudhatamuu malte. Cubbaaleyyii san keessaalle'ee, cubbaalessi sara tare ana.
1TI 1:16 Teetu malee, Yesuus Kiristoos worra cubbaaleyyii keessaa, na cubbaalessa sara tareef ossa ifii ka haga hin qanne mudhisiisaaf, worra isatti dhugeeffatu'uu jiruu fi worra jiruu bara baraa dhaggatu'uu jiruuf, fakkeenna akka te'uuf marartii isaa dhaggadheera.
1TI 1:17 Amma mootii bara baraa, ka hin duunee fi ka ilatti hin mudhanne, Waaqa tokkochuma saniif, baruma baraan guddinnii fi ulfinni isaaf te'u! Ameen.
1TI 1:18 Ilma kiyya, Ximootewoos, tanaan qara waan keetiif dubbiin raagaa akkuma dubbatte, isii tanaan miidhassitee akka loltuuf ajaja kana magannee sitti kenna.
1TI 1:19 Dhugeeffanna'aa fi wodanaa dansaa qabaadhu. Worri gariin wodanaa ifii tuffatiisaan, akkuma hoboloon guddittiin danbali'iin baddu dhugeeffannaa ifii balleessaneeran.
1TI 1:20 Himnewoosii fi Iskindir fa'alle, jara san keessa jiran; ani akka isaan Waaqa faanshessuu dhiisuu baratanu adaba hunna Seexanaatitti dabarsee isaan kenneera.
1TI 2:1 Amma waan duudi'iin dura, iyyannoon, daadimannaan, worra dhibi'iif daadimatu'uu fi galata dhikeessuun Waaqa duratti nama duudi'iif akka godhamuuf gorsa.
1TI 2:2 Nageyaa fi sarmiisaan, Waaqa soda'aa fi adaba dansa'aan akka leenu, moototaa fi worra baallii ol aantuu qabu duudi'iif daadimadha'a.
1TI 2:3 Daadimati akkasii Waaqa fayyisaa keenna duratti dansa'aa fi ka fudhatama qabu.
1TI 2:4 Inni nami duudiin akka fayyuu fi dhugaa akka beeku barbaada.
1TI 2:5 Waaqi tokkocha; wodhakkaa jiraatee Waaqaa fi nama ka wolitti araarsu tokkocha; inni nama te'ee ka mudhate Yesuus Kiristoos.
1TI 2:6 Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te'uu maltetti mirkanootte.
1TI 2:7 Maarre anille sababa kanaaf dhugeeffanna'aa fi dhugaa lallabiisaaf ergama'aa fi barsiisaa te'ee, gara worra Yihudoota hin te'inii ergame. Ani dhugaa dubbatiisatti jira malee hin sobu.
1TI 2:8 Worri dhiiraa addee maratti aari'ii fi moromaa malee, yaada qullu'uun harka isaanii ka woyyoome ol kaasanee akka daadimatanu barbaada.
1TI 2:9 Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi'iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisa adoo hin te'in, ifi qabattee woyaa isi'iif malte akka uffattu barbaada.
1TI 2:10 Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa'aan ifi seefattuuti.
1TI 2:11 Dubartiin cadheessaa fi ajajamaan barattuu ti.
1TI 2:12 Isiin akka barsiittu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani hin eeyyamu; isiin cadhisuu qaddi.
1TI 2:13 Sababille Addaam matooma dadamee, Heewwan ammoo achiin duuba dadante.
1TI 2:14 Ka sobamelle Addaamii moti; sobantee seera Waaqaa ta cassite dubartitti'i.
1TI 2:15 Teetuu malee dubartiin dhugeeffanna'aa fi jaalalaan, woyyumma'aan ifi qabattee yoo jabaatte ilmee deyiisaan hin fayyiti.
1TI 3:1 Nami tokko sooressaa Wolde'a kiristaanaa te'iisaaf yoo barbaade, hujii kabajantuu halcha jechi jedhu dhuga'a.
1TI 3:2 Sooressaan wolde'a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le'u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande'u,
1TI 3:3 nama hin machoonne, nama hunnaan hin lolle, nama qajeelaa, nama moromaa hin jaalanne, nama beesee hin jaalanne,
1TI 3:4 nama maatii ifii sirri'itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te'uu qaba.
1TI 3:5 Nami tokko maatii ifii bulfatiisa yoo hin dandeenne, attam dande'ee wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa bulchiisaaf dande'a ree?
1TI 3:6 Kijibaan afuufamee, muraa tanaan qara Seexanatti muranteetti akka hin jinne, nama dhikoo dhugeeffate hin te'in.
1TI 3:7 Maqaa isaa badee tiyyoo Seexanaa keessatti akka hin jinne, nama alaa biratti gurra dansaa qabaachuu qaba.
1TI 3:8 Akkasuma qarqaartoti wolde'a kiristaanaalle worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi'iif joljolu te'uu hin qabanu;
1TI 3:9 wodanaa qullu'uun dhossaa dhugeeffannaa dhuga'aa jabeessanee qabatuu qaban.
1TI 3:10 Isaan dursanee ilaallatamanuu ti; achiin duuba ka komii hin qanne yoo te'ane qarqaartota wolde'a kiristaanaa te'anee tajaajilanuu ti.
1TI 3:11 Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te'uu qaddi.
1TI 3:12 Qarqaartichi wolde'a Kiristaanaa tokko ka niitii takkaa qofa qabu te'ee, ijoolle'ee fi maatii ifii akka dansaa ka bulfatu te'uu qaba.
1TI 3:13 Qarqaartoti wolde'a kiristaanaa, worri hujii dansaa hujanu ulfinna guddaa dhaggatanee, marroo dhugeeffannaa ifii ta Yesuus Kiristoositti qabanuun jabeenna guddaa dhaggatan.
1TI 3:14 Ani dafee gara keeti akka dhufu addii qaba, haga sanitti ammoo gorsa kana si'iif barreessaara.
1TI 3:15 Ammoo yoo ani ture, mana worra Waaqaa keessatti nami amala attamii qabaachuu akka male akka beettuuf kun si gargaara; manni kunille utuba'aa fi hundee dhugaa wolde'a kiristaanaa ka Waaqa jiraata'aa ti.
1TI 3:16 Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo'oo; tanaaf, «Inni foon uffatee mudhateera; dhugaa akka te'e Ayyaanaan mirkaneeffameera. Ergantoota Waaqaatitti mudhateera; kolbaa biyya lafaatiif lallabameera. Biyya lafaa duudi'itti dhugeeffatameera; ulfinnaan gara ol-gubba'aa fudhatameera» jedhamee himameera.
1TI 4:1 Bara duubaatitti namooti gariin, ayyaanota wollaalchisa'aa fi barsiisa durriisotaa hordofiisaan dhugeeffannaa irraa akka dacha'anu Ayyaanni Waaqaa qulleessee hima.
1TI 4:2 Barsiisi akkasii kijiboota dhara dubbatiisaan wodanaan isaanii akka sibiila o'aan gubamee dillaye irraa dhufa.
1TI 4:3 Worri kun «Fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga'a» jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata.
1TI 4:4 Wonni Waaqi dade duudiin dansa'a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu,
1TI 4:5 isiin sababa jecha Waaqaatii fi daadimataatiif Waaqa biratti fudhatama dhaggatti.
1TI 4:6 Barsiisa kana dhugeeffattoota yoo barsiitte, jecha dhugeeffanna'aatii fi barsiisa dhuga'aa ka hordotte saniin guddataa, tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii hin teeta.
1TI 4:7 Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le'iisaaf ifi leenjis.
1TI 4:8 Nafa jajjabeessu'uuf ifi leenjisuun bu'aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le'iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le'ii ammaatii fi ta dhuttulle'eef addii waan qabuuf karaa maraan bu'aa qaba.
1TI 4:9 Jechi kun jecha dhugicha guutuma guutu'utti fudhatamu'uu male.
1TI 4:10 Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi'ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te'etti waan addannuuf huji'iin dadhabaa farralle dhaggina.
1TI 4:11 Tana duudii isaan ajajii barsiisi.
1TI 4:12 Dubbii afaan keeti keessaa baatuun, haasowaan, le'iin, jaalalaan, dhugeeffanna'aa fi qulqullumma'aan dhugeeffattootaaf fakkeenna te'i malee, dargaggeessa waan teeteef eennulle si hin tuffatin.
1TI 4:13 Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba'aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu.
1TI 4:14 Kennansa yennaa raagoti dubbattee fi jaarsoleen wolde'a kiristaanaa harka ifii si irra keette si'iif kenname, kennansa Ayyaanaa ka si keessa jiru san hin dagatin.
1TI 4:15 Akka nami duudiin guddinna keeti dhaggu waan kana ifi kennii huji.
1TI 4:16 Ati mataa keetii fi barsiisa keeti midhassii ilaalladhu, waan kana itti jabaadhu; akkas godhiisaan mataa keetii fi worra si dhage'u hin fayyitta.
1TI 5:1 Jaarsa akka abba'aatitti gorsi malee hin xixin; dargaggageeyyii dhiiraa ammoo akka obboleeyyaniititti qabadhu;
1TI 5:2 jaartii akka haadhaatitti, dubartii ka'ima akka obboleettii tiru'uu yaada qullu'uun qabadhu.
1TI 5:3 Dubartii dhugumaan haadha hiyyeessaa teete kabaji.
1TI 5:4 Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba'aaf, akko'oo fi akaakoo ifiitille'eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji'iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti.
1TI 5:5 Haati hiyyeessaa takka, ta nama isii qarqaaru hin qanne, addii ifii Waaqatti godhatee halkanii fi guyyaa qarqaarsa isaa gaafataa daadimataa leeti.
1TI 5:6 Haati hiyyeessaa takka ta gammada lafaa callaa jaalattu, aduma jirtuu duuteerti.
1TI 5:7 Nami tokkolle waan ittiin isaan komatu akka hin qabaanne, gorsa kana isaaniif kenni.
1TI 5:8 Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama'a.
1TI 5:9 Haadha hiyyeessaa ta woggaan isi'ii jaatamaa gadi te'e, galmee haadhotiin hiyyeessaa itti galmeeffantutti hin galmeessin. Isiin sunuu ta dhirsa tokko qofa heerumteertu te'uu qaddi.
1TI 5:10 Akkasuma ijoollee guddisiisaan, keessummaa fudhatiisaan, miila kolbaa Waaqaa dhiqiisaan, worra rakkate qarqaariisaan, hujii dansaa mara hujiisaa fi ifi kenniisaan ta gurra dansaa qaddu te'uu qaddi.
1TI 5:11 Haadhotii hiyyeessaa ta ka'ima teete ammoo, galmee san keessa hin galchin; sababille halchaan foonii yennaa itti hammaatte, Kiristoos irraa deebi'anee heerumuu barbaaddan.
1TI 5:12 Maarre isaan waadaa Kiristoosiif matooma galane diiganee muraa ifi irratti fidatan.
1TI 5:13 Ammalle isaan hujii malee tee'uu fi mana kanaa kaan labiisa baratan; tana qofa adoo hin te'in, nama hamataa dubbii namaa keessa galaa, waan dubbatu'uu hin malle ka dubbatanu te'an.
1TI 5:14 Tanaaf diinni hantuu nu'u irratti dubbatuuf karaa akka hin dhagganne, haati hiyyeessaa ka'intittiin heerumtee ijoollee deettee, mana ifii akka bulfattu gorsa.
1TI 5:15 Isaan keessaa gariin tanaan qaraa Seexana hordofiisaaf karaa dhugeeffanna'aa irraa goraneeran.
1TI 5:16 Dubartiin dhugeeffatte takka ammoo, haadha hiyyeessaa maatii ifii keessaa yoo qabaatte, akka isaan wolde'a Kiristaanaatitti ba'aa hin teene qarqaartuuti; wolde'i Kiristaanaa ammoo, dubartoota abbaan manaa irraa du'e, ta ijjumaa qarqaarsa hin qanne qarqaaruu ti.
1TI 5:17 Jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka dansaa sooressitu, keessumattuu ta jabaattee lalladdee barsiittuuf, ulfinna gudda'atti male.
1TI 5:18 Barreeffam Woyyichi, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin», akkasuma, «Hojjata'aaf mindaan kennamuu qaba» jedha.
1TI 5:19 Dhugaa baatota lama yookiin sad yoo qabaate malee, himata jaarsa tokko irratti dhiyaatu hin fudhatin.
1TI 5:20 Worri dhibiin akka sodaatu, worra cubbuu huju addee nami mara jirutti xixi.
1TI 5:21 Waan gootu mara namuufuu adoo hin golin, yookiin adoo wol hin caalchisin gorsa kiyya akka muummessitu Waaqa duratti, Yesuus Kiristoosii fi ergantoota Waaqaa ta fooyante duratti si ajaja.
1TI 5:22 Namoota tajaajila Waaqaatiif muudiisaaf ariifattee harka irra hin keyin. Cubbuu worra dhibi'ii keessa hin galin; mataa keeti qulqullumma'aan eegi.
1TI 5:23 Gadhaa keetii fi dhibee deddeebitee sitti kaatuuf, daadhii woyni'ii diqqoo uni malee haganaa achi bisaan callaa hin unin.
1TI 5:24 Cubbuun worra gari'ii ifa teete waan mudhattuuf, dursitee muraa isaanii akeetti; cubbuun worra gari'ii ammoo duuba irra mudhatti.
1TI 5:25 Akkasuma hujiin dansaan ifa teetee mudhatti, ta hin mudhannelle dhokattee hin hattu.
1TI 6:1 Worri waanjoo garbumma'aa jala jiru maqaan Waaqaatii fi barsiisi keenna akka hin arraffanne, goottoti isaanii ulfinna guutuu akka dhaggatiisaaf malanetti laakkowanuu ti.
1TI 6:2 Garbooleen goottoti isaanii dhugeeffattoota te'ane, lamaanuu woliif Gootta'aan obboleeyyan waan te'aneef, goottota ifii tuffatiisa hin qabanu. Addee san, goottoti isaanii dhugeeffattootaa fi jaalota tajaajila isaanii irraa ka bu'aa dhaggatanu waan te'aneef, ta durii caalaa isaan tajaajilanuu ti. Tana barsiisii gorsi.
1TI 6:3 Nami barsiisa sobaa barsiisaa, jecha sirrii te'e ka Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi ka ittiin Waaqa waaqonfatanuun wolii hin galle yoo jiraate,
1TI 6:4 nami akkasii nama kooraan ifi bokossee womaa hin beenne. Inni jechoota irratti moroma'aa fi lolaaf fedha hamaa ifi keessaa qaba. Wonni kun ammoo hinaaffaa, wol dhaba, arrabaa fi mama badaa fiddi.
1TI 6:5 Wol mormiin worra qalbii hin qanne irraa dhutti, isaan dhugaan waan irraa fudhatanteef dhugeeffannaa karaa karra dhaggatiisaa seyan.
1TI 6:6 Dhugeeffannaan, nama waan qabuun dande'ee le'u biratti bu'aa guddaa qaddi.
1TI 6:7 Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu.
1TI 6:8 Ammoo woya'aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti.
1TI 6:9 Worri durummaa barbaadu ataabe'etti jigee, tiyyoo gowwummaa heddu'uutii fi halchaa isaan miituutiin, ta isaan balleessituu fi dhidhinsituun qabaman.
1TI 6:10 Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi'ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera.
1TI 6:11 Ati nami Waaqaa ammoo, waan kana duudii irraa fagaadhu; balchummaa, akka nama Waaqaa le'uu, dhugeeffannaa, jaalala, ciniinnatanee ossu'uu fi qajeelummaa hordof.
1TI 6:12 Lola dansaa dhugeeffanna'aa loli. Jiruu bara baraa ta yennaa gara isaa waammante dhugaa baatota hedduu duratti dhugaa baate qabadhu.
1TI 6:13 Fuula Waaqa waan duudi'iif jiruu kennuutii fi Yesuus Kiristoosii Phonxoos Philaaxoos duratti dhugeeffannaa ifiitiif akka dansaa dhugaa baye duratti si ajaja.
1TI 6:14 Haga guyyaa Goottaan keenna Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatuutitti ajaja kana balleessa'aa fi komii malee eegadhu.
1TI 6:15 Waaqi eebbifama'aa fi qofuu Bulchaa te'e, Mootichi moototaa, Goottaan goottotaa guyyaa ifii murteessetti mudhiin Kiristoosii teeti.
1TI 6:16 Ka hin duune isa qofa; inni ifa eennulle itti dhiyaatu'uuf hin dandeenne keessa le'a. Nami tokkolle isa hin dhaggine; eennulle isa dhaggu'uuf hin dande'u. Ulfinnii fi hunni bara baraa isaaf te'u! Ameen.
1TI 6:17 Worri amma biyya lafaa tanatti dureeyyii te'ane akka hin koorre, yookiin addii isaanii karra hin addachiinne irratti adoo hin te'in, akka ittiin gammannuuf Waaqa waan duuchii fakkansee nu'uuf kennutti akka addii godhatanu isaan ajaji.
1TI 6:18 Hujii dansaa akka hujanu, akka hujii dansa'aan dureeyyii te'anu, akka arjoomanuu fi waan qabanu qoodiisaaf ka qophowane akka te'anu ajaji.
1TI 6:19 Karaa kanaan jiruu dhuga'aa dhaggatiisaaf karra hundeen isi'ii jadduu teete bara dhufuuf kuufatan.
1TI 6:20 Ximootewoos! Waan maganne'een sitti kenname jabeessi eegi. Dubbii midhaan hin qanne, ta waan dhuga'aatiin mormituu fi moromaa gowwittii ta worri gariin «Beekkuma» jedhu irraa fagaadhu.
1TI 6:21 Worri gariin beekkumsa kana qanna jedhaa, karaa dhugeeffanna'aa irraa badeera. Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.
2TI 1:1 Ana Phawuloosii, waadaa jiru'uu ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf, fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa:
2TI 1:2 Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif, Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadha, mararti'ii fi nageya siif kennu.
2TI 1:3 Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkanii fi guyya'aa keessatti yennaa si qaabadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu'uun tajaajilu hin galateeffadha.
2TI 1:4 Imimmaan teeti qaabataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada.
2TI 1:5 Dhugeeffannaa dhuga'aa ta ati qaddu hin qaabadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo'isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera.
2TI 1:6 Tanaaf kennaa Waaqi yennaa ani harka kiyya mataa keeti irra keye siif kenne, tuxxee akka gabbittu si qaabachiisa.
2TI 1:7 Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti.
2TI 1:8 Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif na woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani Kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin.
2TI 1:9 Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te'in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu'uun dura karaa Kiristoosiitiin nu'uuf kenname.
2TI 1:10 Amma ammoo karaa dhufiisa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii du'a balleessee, karaa Oduu Gammadaatiin jiru'uu fi badii irraa hafuu, gara ifaa fideetiin, nutti mudhifameera.
2TI 1:11 Ani Oduu Gammadaa tanaaf lallabaa, ergama'aa fi barsiisaa te'ee filameera.
2TI 1:12 Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne'een natti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande'u addadheera.
2TI 1:13 Barumsa fayyaalessa akka fakkeennaatitti hordofiisaaf na irraa baratte, dhugeeffanna'aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu.
2TI 1:14 Waan dansaa maganne'een sitti kenname san, hunna Ayyaana Woyyicha nu keessa jiruutiin eegi.
2TI 1:15 Worri biyya Asiya'aa keessa jiru duudiin, Fiigelosii fi Heromogenesis fa'alle akka na bagane hin beetta.
2TI 1:16 Oneesiforos yennaa hedduu waan na jajjabeesseef, Goottaan maatii isaatiif mararuu ti. Inni ani waan hidhameef hin fokkifanne;
2TI 1:17 ammoo akkuma biyya Rooma'aa geyeen, asii fi achi barbaadee na dhagge.
2TI 1:18 Guyyaa muumme'ee san Goottaan marartii isaaf godhu. Biyya Efesooniititti attam akka inni naaf ergame atinuu akka dansaa beetta.
2TI 2:1 Ilma kiyya Ximootewoos, yoona badhaadha Yesuus Kiristoosiin dhaggamutti jabaadhu.
2TI 2:2 Dhugaa baatota hedduu duratti waan na irraa dhageette, namoota dhibii barsiisiisaaf worra dandeettii qabu, worra addatama'atti magannee kenni.
2TI 2:3 Akka loltuu dansaa Yesuus Kiristoosiititti, rakkoo nu woliin fudhadhu.
2TI 2:4 Nami hujii loltumma'aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi'iin ifi hin hidhu.
2TI 2:5 Akkasuma nami rukke'een doggomu tokko, akka seeraatitti yoo doggome malee, badhaasa injifanno'oo hin dhaggatu.
2TI 2:6 Qonnaan bulaan elowee huju qooda midhaan sanii qara dhaggatuu qaba.
2TI 2:7 Goottaan waan duudi'iin hubantii waan sii kennuuf, waan ani jedhu qalbeeffadhu.
2TI 2:8 Akkuma ani Oduu Gammadaa keessatti lallabe, Yesuus Kiristoosii du'a keessaa ka'e, ka sanyii Daawitii keessaa dhalate, qaabadhu.
2TI 2:9 Ani Oduu Gammadaa waan lallabeef akka yakkaamessaa hidhameelle rakkataa jira. Jechi Waaqaa ammoo hin hidhamu.
2TI 2:10 Tanaaf, worri fooyame fayyinnaa fi ulfinna bara baraa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufu akka dhaggatuuf jedhee waan duuchii hin ossadha.
2TI 2:11 Dubbiin, «Isa woliin yoo duune, isa wolille'een jiraanna.
2TI 2:12 Yoo ittuma ossine isa woliin hin moona. Yoo isa mormanne, innille nu hin mormata.
2TI 2:13 Yoo nuuti addatamuu dhanne, inni waan ifi hin mormanneef, addatamee jiraata» jettu tun dhuga'a.
2TI 2:14 Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage'u balleessiti malee, dansa'aa moti.
2TI 2:15 Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri'itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.
2TI 2:16 Dubbii Waaqi ittiin hin ulfaannee fi marii gowwittii, ta Waaqa irraa nama fageessitu irraa fagaadhu.
2TI 2:17 Barsiisi akkasii akka madaa foon nyaattee badhataa deentuu ti. Himnewoosii fi Filexoos worra dubbii akkasii dubbatane keessa jiran.
2TI 2:18 Isaan karaa dhuga'aa lakkisanee, du'aa ka'uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari'ii balleessaaran.
2TI 2:19 Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, «Goottaan worra isaa ka te'e hin beeka», ammalle «Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hammeenna irraa deebi'uu ti» ta jettu barreeffanteerti.
2TI 2:20 Mana guddaa tokko keessa mey worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te'in, mey muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; mey kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te'a.
2TI 2:21 Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te'a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu'aa qabanu waan te'aneef, hujii dansaa duudi'iif qophowaneeran.
2TI 2:22 Halchaa badduu dargaggumma'aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu'uun Goottaa waammatu woliin balchummaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof.
2TI 2:23 Moromaan gowwittiin bu'aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu.
2TI 2:24 Tajaajilaan Gootta'aa ka lolu te'uu hin qabu. Inni nama duudi'iif arjaa, dansa'aa fi barsiisaa ossataa te'uu qaba.
2TI 2:25 Worra isa mormulle gadhi-laafinnaan gorsuu qaba. Akka isaan cubbuu irraa deebi'anee dhugaa beekanu, Waaqi carraa isaanii hin kenna fa te'a.
2TI 2:26 Yoo san isaan qalbii ifiititti deebi'anee, tiyyoo Seexanaa ta isaan qaddee fedha isaatiif akka ajajamanu goote jalaa hin bayan.
2TI 3:1 Guyyoota muumme'eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki.
2TI 3:2 Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne,
2TI 3:3 ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu,
2TI 3:4 ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te'an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan;
2TI 3:5 isaan dhugeeffannaa waan qabanu fakkaatan, ammoo hunna isi'ii mormataneeran. Worra akkasii irraa ifi eegadhu.
2TI 3:6 Isaan keessaa gariin gara mana namaa dhaqaa, dubartoota dadhadduu ta cubbuun irratti tuulantee, halchaa gara garaatiin asii fi achi oofantu, hin qabatan.
2TI 3:7 Dubartiin akkasii yennaa mara hin baratti, ammoo ijjumaayyuu dhugaa beekiisa bira hin geettu.
2TI 3:8 Akkuma Yaaneesii fi Yaamberes Muuse'een mormane, kolbaan qalbii isi'ii baddee fi dhugeeffannaa irraa jidde tun dubbii dhuga'aa mormiti.
2TI 3:9 Gowwummaan Yaaneesiitii fi Yaamberesii, nama duudi'itti akkuma beekkante, ta isaaniille nama duudi'itti waan beekkantuuf isaan ur hin geyanu.
2TI 3:10 Ati ammoo barsiisa kiyya, adaba kiyya, akeeka jiruu tiyyaa, dhugeeffannaa tiyya, ossata kiyya, jaalala kiyya, fi ciniinnadhee ossatuu kiyya hin beetta.
2TI 3:11 Miidha'aa fi rakkoo tiyya, ta Anxokiya'atti, Iqoniiyumii fi Lisxira'atti na dhaqqadde mara ossatuu kiyya hin beetta. Goottaan ammoo san duudii jalaa na hambure.
2TI 3:12 Akkasuma nami karaa Yesuus Kiristoosiitiin nama Waaqaa te'ee le'uu fedhu duudiin hin miidhama.
2TI 3:13 Worri hama'aa fi malaan nyaattuun worra dhibii dokonkorsaa ifille'eef dokonkoraa, hammeenna irraa gara hammeennaa ittuma deeman.
2TI 3:14 Ati ammoo waan barattee jabeessitee itti dhugeeffatte, eennuu fa'a irraa akka baratte waan beettuuf itti jabaadhu.
2TI 3:15 Ati Barreeffama Woyyicha, qarooma Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan fayyinni ittiin dhaggamu si'iif kenniisa dande'u ijoollummaa teetiin jalqaddee beetteerta.
2TI 3:16 Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma'aatitti qajeelchiisaaf bu'aa qabeessa.
2TI 3:17 Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te'ee, ka hidhatee qophowe akka te'u godha.
2TI 4:1 Waaqaa fi Yesuus Kiristoosii worra jiruu fi worra du'elle'etti muru'uuf jiru duratti, deebi'ee dhufiisaa fi mootummaa isaa yaadataa jabeessee si gorsa.
2TI 4:2 Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophow; ossa gudda'aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiisi.
2TI 4:3 Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan.
2TI 4:4 Isaan dubbii dhuga'aa dhage'uu didanee, gurra ifii gara oduu durii deebifatan.
2TI 4:5 Ati ammoo haala mara keessatti ititi; rakkoo ossadhu; hujii lallaba Oduu Gammadaa huji; hujii itti ergante mara muummessi.
2TI 4:6 Ani akka dhibaayyu'uu dhibaafamuu geyeera; yennaan ani du'u geetteerti.
2TI 4:7 Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera.
2TI 4:8 Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa naaf qophoweera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi naaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna.
2TI 4:9 Ariiti'iin akka teete te'ii koy.
2TI 4:10 Sababille Deemaas biyya lafaa tana jaalatee, na lakkisee gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqeera. Kiresqes biyya Galaatiya'aa, Tiitoos ammoo biyya Dalmaatiya'aa dhaqeera.
2TI 4:11 Luqaas qofattuu na bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koy.
2TI 4:12 Xikiqoos ammoo gara qachaa Efesoonii ergeera.
2TI 4:13 Yennaa dhuttu gorfa ani Kaarphoos biratti Xiro'aasitti lakkise, kitaabota maramaalle, keessattuu ka gogaa duugama'aan hujame naaf fidi.
2TI 4:14 Iskindiriin sibiila tumu akka malee na miidhe; Goottaan akkuma hujii isaatitti isaaf hin kenna.
2TI 4:15 Inni dubbii teenna jabeessee waan mormeef, atille isa irraa ifi eegadhu.
2TI 4:16 Ani waan itti himatameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle na qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin!
2TI 4:17 Ammoo ergaan isaa guutuun karaa kiyyaan lallabantee worri Yihudoota hin te'in duudiin akka dhage'anu, Waaqi cinaa tiyya dhaabbatee hunna naaf kenne. Afaan neenqaa irralle'ee na hambure.
2TI 4:18 Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba'aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te'u! Ameen.
2TI 4:19 Phirisqiilaa, Aqiila'aa fi worra mana oneesiforosiititti nageya naa himi.
2TI 4:20 Eraasxoos Qorontoositti hafe; Xirofimoosille waan dhibameeruuf ani qachaa Miilexoosiititti isa lakkise.
2TI 4:21 Adoo ganni hin dhufin akka teete te'ii koy. Yubuloos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiya'aa fi dhugeeffattooti dhibiille nageya sii dhaamaneeran.
2TI 4:22 Goottaan ayyaana keeti woliin jiraatu. Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.
TIT 1:1 Ani Phawuloos tajaajilaan Waaqaatii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, dhugeeffannaa worra Waaqaa filameetii fi beekkumsa dhuga'aa ka gara nama Waaqaa te'iisaatitti geessu akka beekanuuf ka erge,
TIT 1:2 dhugeeffanna'aa fi beekkumsi kun, addii jiruu bara baraa, ka Waaqi dhara hin dubbanne, jalqaba baraatiin dura kenne irratti ta hundootte.
TIT 1:3 Yennaan inni murteesse geennaan, ajaja Waaqa fayyisaa keennaatiin karaa lallaba maganne'een natti kennameetiin, Jecha ifii mudhiseera.
TIT 1:4 Karaa dhugeeffannaa woliin qannuun, dhugumaan ilma kiyya ka teete Tiitoos, Waaqi Abbaan, fayyisaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya sii kennu.
TIT 1:5 Wonni ani oddoola Qarxeesii keessatti si lakkiseef, waan karaa hin qabatin hafe akka karaa qassiittuu fi akkuma ani si ajaje qachaa duudii keessatti jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka filtuufi.
TIT 1:6 Jaarsi wolde'a kiristaanaa ka hin komatanne, ka niitii takka'aa, ka ijoolleen isaalle dhugeeffattuu fi baalagumma'aan yookiin ajajama dhabiisaan maqaan isaanii hin kaane te'uu qaba.
TIT 1:7 Toowataan wolde'a kiristaanaa tokko maganneen hujii Waaqaa ka itti kennante waan te'eef, ka hin komatanne te'uu qaba. Inni nama kooru, yookiin nama dafee aaru, yookiin nama machowu, yookiin nama lola jaalatu yookiin nama beese'eef joljolu te'uu hin qabu.
TIT 1:8 Nama keessummaa fudhatu, nama waan dansaa jaalatu, nama ifi qabatu, nama qajeelaa, nama woyyichaa fi nama adaba qabu te'uu qaba.
TIT 1:9 Worra dhibii barumsa sirrii te'een jajjabeessiisaa fi dokonkora worra moromuu mudhisiisaaf akka dande'u akkuma baratetti ergaa addatantuu jabeessee qabatuu qaba.
TIT 1:10 Namooti hedduun worri hin ajajane, worri jecha midhaan hin qanne dubbatee nama wollaalchisu, keessattuu worri worra Yihudootaa keessaa dhugeeffate jira.
TIT 1:11 Isaan bu'aa fokkisiisu dhaggatiisaaf jedhanee, waan barsiisiisaaf hin malle barsiisaa, maatii duudii waan laambubanuuf, haasowa isaan kutiisa barbaachisa.
TIT 1:12 Isaanuma keessaa, raagichi isaanii tokkoo, «Worri Qarxeesii yennaa maraa dharaameyyii, bineensota hama'aa fi booseyyii gadhito'o» jedheera.
TIT 1:13 Ragaan kun dhuga'a. Tanaaf, akka isaan dhugeeffannaa sirrii teete qabaatanu, jabeessi isaan xixi;
TIT 1:14 haganaa achille isaan oduu Yihudootaa ta durii, yookiin ajaja worra dhugaa irraa fagaatee akka hin caqanne godhi.
TIT 1:15 Worra qullowaneef wonni marti qullu'u; worra batti'ii fi worra hin dhugeeffanneef ammoo, waan qalbii fi yaadi gadhaa isaanii battoweeruuf, wonni takkaalle qullu'uu moti.
TIT 1:16 Isaan Waaqa hin beenna jedhan, hujii ifiitiin ammoo isa mormatan. Isaan worra jibbama'aa fi worra hin ajajanne, worra waan dansaa tokkolle hujiisaaf hin dandeenne.
TIT 2:1 Ati ammoo waan barnoota sirrii te'een wolii galu barsiisi.
TIT 2:2 Jaarsi ka hagatti le'u, ka kabajaa qabu, ka ifi qabatuu fi ka dhugeeffannaa, jaalalaa fi ossa sirrii te'e qabu akka te'u barsiisi.
TIT 2:3 Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiisi.
TIT 2:4 Isaan, akka dubartooti ka'im abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu,
TIT 2:5 Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja'aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti.
TIT 2:6 Akkasuma dargaggooti akka ifi qabattu gorsi.
TIT 2:7 Atinuu waan duudi'iin fakkeenna dansaa isaaniif te'i. Barsiisiisa keeti keessalle'etti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te'uu keeti mudhisi.
TIT 2:8 Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te'e ka hin tuffatanne dubbadhu.
TIT 2:9 Garbooleen goottolee ifiitiif akka ajajantu, waan maraan akka isaan gammachiittu, akka dubbii ila keessa itti hin deebinnee fi,
TIT 2:10 akka isaan jalaa wo hin hanne barsiisi. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi'iin akka tolu yennaa mara worra dansa'aa fi addatamaa akka te'ane mudhisanuu ti.
TIT 2:11 Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera.
TIT 2:12 Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa.
TIT 2:13 Addii gammachiittuu fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna.
TIT 2:14 Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.
TIT 2:15 Worra si dhage'u jajjabeessaa yennaa xixxu, baallii teeti guutu'uun waan kana duudii barsiisi. Nami tokkolle si hin tuffatin.
TIT 3:1 Kolbaan bulchitootaa fi worra baallii qabu jalatti akka bultu, akka ajajantuu fi karaa maraan waan dansaa hujiisaaf ta qophootte akka teetu qaabachiis.
TIT 3:2 Nama tokko irralle'etti hantuu akka hin dubbanne, nageelliyye'ee fi nama dansaa te'anee, yennaa mara karaa maraan nama duudi'iif gadhi-laafinna akka mudhisanu himi.
TIT 3:3 Tanaan qara nuutille gowwoolee, worra hin ajajanne, worra sobame, worra halcha'aa fi gammachuu foonii ta adda addaatiif garboolee teeneerru. Nuuti hammeennaa fi hinaaffa'aan le'aa, worra dhibi'iin jibbatannee wolille jibbaa turre.
TIT 3:4 Ammoo arjumma'aa fi jaalaltiin Waaqa fayyisaa keennaa yennaa mudhatte,
TIT 3:5 hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te'in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso'ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise.
TIT 3:6 Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Woyyicha nu irratti fakkansee buuse.
TIT 3:7 Badhaadha isaatiin balchoonnee, jiruu bara baraa ta addi'iin eegannu san akka dhaalluuf inni tana godhe.
TIT 3:8 Wonni kun jecha dhuga'aa ti. Worri Waaqatti dhugeeffate hujii dansaa hujiisaaf akka ifi kennu, jabeessitee akka gorsitu barbaada; wonni kun dansa'aa fi ta nama maraaf bu'aa qaddu.
TIT 3:9 Ammoo wol mormii gowwootaa, hidda dhalootaa laakkowuu, wol lolu'uu fi Seera Muuse'ee irratti wol dhabiisa irraa fagaadhu. Sababille wonni kun bu'aa fi gatii hin qaddu.
TIT 3:10 Nama gargar bayiisa kaasu yennaa tokkoo fi lama itti gorsi, achiin duuba isa woliin womaa hin qabaatin.
TIT 3:11 Nami akkasii, nama jallatee cubbuu hujee, yakkaa ifitti mure akka te'e beeki.
TIT 3:12 Ganna qachaa Niqopholiisii keessatti dabarsu'uuf waan murteeffadheef, yennaa ani Arxemaas yookiin Xikiqoos gara keeti erge, haga dandeette ariiti'iin achitti natti dhufiisaaf wodhaan.
TIT 3:13 Zenaasii seera beeka'aa fi Apholoosiif, deensa kara'aatii waan barbaachisu maraan haga dandeette gargaar.
TIT 3:14 Kolbaan teenna leetoo bu'aa hin qanne akka hin leene, waan leeto'oo barbaachisu hujjee dhaggatiisaaf, hujii dansaa hujiisaaf ifi kenniisa barattuu ti.
TIT 3:15 Worri na woliin jiru duudiin nageya siif dhaameera. Worra dhugeeffanna'aan nu jaalatuuf nageya keenna himi. Badhaadhi Waaqaa isin duudii woliin jiraatu.
PHM 1:1 Ana Phawuloosii marroo Kiristoos Yesuusiitiif hidhameeruu fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, Filemoonii jaalatamaa nu woliin hujuuf,
PHM 1:2 obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, Arkiphosii nu woliin lolticha te'eeruu fi wolde'a kiristaanaa ka mana keeti keessatti wolitti qabamuuf:
PHM 1:3 Abbaa keenna Waaqaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos biraa badhaadhii fi nageenni isiniif te'u!
PHM 1:4 Daadimata kiyya keessatti yennaa si qaabadhu, yennaa mara Waaqa galateeffadha.
PHM 1:5 Sababille dhugeeffannaa ati Goottaa Yesuusitti qadduu fi jaalala ati kolbaa Waaqaa maraaf qaddu dhage'eera.
PHM 1:6 Hubantii guutuu waan dansa'aa ka nu Kiristoosiin qannuu maraa akka qabaattuuf, dhugeeffannaa teeti worra dhibi'iif qoodiisatti akka jabaattu hin daadimadha.
PHM 1:7 Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera.
PHM 1:8 Waan godhu'uu malte akka gootuuf, si ajajiisaaf karaa Kiristoosiitiin ifi-addii qaba;
PHM 1:9 te'uu malee jaalalaan si gaafadha. Ani Phawuloosiin jaarsi, amma ammoo Yesuus Kiristoosiif jedhee ka hidhameeru,
PHM 1:10 marroo ilma kiyya Oneesimoosii, ka ani adoo mana hidha'aa jiruu akka Kiristoos fudhatu tolcheetiif si gaafadha.
PHM 1:11 Dur inni nama si'iif woy bawuu moti, amma ammoo anaa fi si'iifille woy hin baya.
PHM 1:12 Isa deebisee gara keeti ergeera; ani waan isaa jaaladhuuf gadhaan kiyyalle isa faana dhufeera.
PHM 1:13 Marroo Oduu Gammadaatiif, yennaa ani mana hidha'aa jiru, addee teeti akka inni na qarqaaruuf, na woliin as akka turuuf fedheeraayyu.
PHM 1:14 Te'uu malee hujiin dansaan ati hujju maraa jaalala gadhaa keetiitiin malee, hunnaan akka hin teeneef, si'iin hin mari'atin womaa godhiisaaf hin barbaanne.
PHM 1:15 Oneesimoos yennaa gabaaddu'uuf si irraa gargar bayee wonni tureef, yennaa mara si woliin akka jiraatuuf deebittee akka isa fudhattuuf fa'a te'a.
PHM 1:16 Haganaa achi, inni obboleessa jaalatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni naaf jaalatama'a, si'iif ammoo namumma'aa fi Gootta'aan, irra caalaa jaalatama'a.
PHM 1:17 Maarre waa'ela keeti te'uu kiyya yoo fudhattu teete, akkuma na fudhattu isalle fudhadhu.
PHM 1:18 Yoo inni si yakkee jiraate, yookiin si irraa wo liqeeffatee jiraate natti laakkow!
PHM 1:19 Ani Phawuloos, «Si'iif deebisee hin kaffala» jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te'uu keeti sitti himuu na hin barbaachisu.
PHM 1:20 Obboleessa kiyya, maqaa Gootta'aatiin waan kana naaf godhi! Kiristoosiin gadhaa na jajjabeessi.
PHM 1:21 Ajajama keeti addadhee, waan ani si gaafadhu caalchitte akka ati gootu beekiisaan tana si'iif barreessa.
PHM 1:22 Wonni dhibiin: Waaqi waan isin daadimattane maraaf deebii kennee, gara keessan deebi'ee akka dhufu waan addadhuuf, addee itti foorfadhu naaf qopheessa'a.
PHM 1:23 Ephafraas, ka maqaa Kiristoos Yesuusiitiif jedhee na woliin hidhamee jiru nageya si'iif dhaama.
PHM 1:24 Akkasuma worri na woliin hujanu Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nageya si'iif dhaaman.
PHM 1:25 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
HEB 1:1 Bara durii Waaqi karaa adda addaatiin, yennaa hedduu karaa raagotaatiin abbootii teennatti dubbateera.
HEB 1:2 Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade.
HEB 1:3 Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe'e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba'atti midda Waaqa hunnaamessaa tee'eera.
HEB 1:4 Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te'e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala.
HEB 1:5 Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera» yookiin eennuun, «Ani isaaf Abbaa hin te'a, innille Ilma naaf hin te'a» jedhee beeka?
HEB 1:6 Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge, «Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti» jedhe.
HEB 1:7 Ammoo yennaa marroo ergantoota ifii dubbatu, «Ergantoota ifii qilleensa, tajaajiltoota ifiille bobe'a ibiddaa hin godha» jedhe.
HEB 1:8 Marroo Ilmaa ammoo, «Ee Waaqa, barcumaan mootummaa keetii bara baraa haga bara baraa hin jiraata; mootummaa teetille sirri'itti hin bulchita.
HEB 1:9 Ati balchummaa jaalatee yakkaa jibbite; tanaaf Waaqi keeti si filatee, muudaa gammachiisuun hari'oota teeti caalaa si muude» jedhe.
HEB 1:10 Akkasuma, «Gootta'a, ati jalqabatti hundee lafaa hundeessite; ol gubbaan marti hujii harka keetii ti.
HEB 1:11 Isaan hin badan; ati ammoo hin jiraatta; isaan martinuu akka woya'aa hin dullooman.
HEB 1:12 Ati akka bullukko'oo isaan hin marta; isaaniille akka woya'aa hin jijjiiraman. Ati ammoo yennaa mara sanuma; woggooti keetille dhuma hin qabanu» jedhe.
HEB 1:13 Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, «Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala godhutti midda kiyyatti tee'i!» jedhee beeka?
HEB 1:14 Maarre, ergantooti Waaqaa martinuu ayyaanota worra fayyu tajaajiliisaaf ergamanu, tajaajiltoota Waaqaatii motii ree?
HEB 2:1 Tanaaf nuuti waan dhageenne irraa fallaannee akka hin jinne, marroo waan dhageennee xiyyeeffannaa caalte kennuu qanna.
HEB 2:2 Dubbiin karaa ergantoota Waaqaatiin himante mirkanootteerti; nami dubbii tana irra taree fi nami isi'iif hin ajajanne maraa adaba isaaf male hin fudhata.
HEB 2:3 Nuuti fayyinna guddaa kanaaf xiyyeeffannaa yoo kennuu dhanne attamiin jalaa baana ree? Fayyinna kana ka dursee lasse Gootta'aayyu; worri isa irraa dhage'elle tanuma nu'uuf mirkaneesseera.
HEB 2:4 Waaqille beessisoota, baasota, bilbaasota adda addaa godhiisaa fi kennansa Ayyaana Woyyichaa ka akka fedha isaa qoodamaneen dhugaa baya ifii itti dabaleera.
HEB 2:5 Waaqi biyya lafaa ta dhuttu, ta amma nuuti marroo isi'ii dubbannuu tana akka ergantooti isaa bulchanuuf hin goone.
HEB 2:6 Barreeffama Woyyicha keessatti addee takkatti, «Ee Waaqa, akka isaaf yaadattuuf, nami maan inni? Yookiin akka kunuunsituuf, ilmi namaa maan inni?
HEB 2:7 Diqquma ergantoota Waaqaa isa hanqitte; kallacha ulfinnaatii fi guddinnaa itti keette;
HEB 2:8 waan mara baallii ilma namaatiin jala goote» hin jedha. Waaqi waan mara baallii ilma namaatiin jala yennaa godhu, baallii isaatiin jala adoo hin godhin wonni inni hambure tokkolle hin jiru. Te'uu malee wonni mara baallii ilma namaatiin jala akka jiru ammaa tanalle nuuti hin dhaggine.
HEB 2:9 Amma ammoo ka yennaa diqqo'oof ergantoota Waaqaatiin jala te'ee ture, ka rakkinna du'aa waan fudhateef kallachi ulfinnaatii fi guddinni itti keyame, Yesuus hin dhaggina; inni badhaadha Waaqaatiin nu maraaf du'eera.
HEB 2:10 Waaqi wonni duudiin isaa fi isumaanuu dadame, ilmaan hedduu gara ulfinnaa fidiisaaf, sooressi fayyinna isaanii rakkinnaan guutuu akka te'u godhiis barbaachisaa te'e.
HEB 2:11 Ka kolbaa woyyoonsuu fi worri isaan woyyoomelle ilmaan abbaa tokkochaa ti; waan kanaaf Yesuus isaaniin, «Obboleeyyan tiyya» jedhee waamiisaaf hin fokkifatu.
HEB 2:12 Bareeffama Woyyicha keessalle'etti Waaqaan, «Maqaa keeti obboleeyyan tiyyatti hin lassa; wolde'a odduulle'etti faaru'uun si hin leellifadha» jedha.
HEB 2:13 Akkasuma, «Ani isatti hin addadha» jedha; ammalle, «Kunoo, anii fi ijoolleen Waaqi naaf kennelle as jirra» jedha.
HEB 2:14 Ijoolleen tun namoota foonii fi dhiiga qabanu akkuma te'ane, Yesuusille du'a ifiitiin, Seexana du'a irratti baallii qabu balleessiisaaf, akkuma isaanii nama te'e.
HEB 2:15 Akkasuma worra du'a sodaatiisaan bara ifii duudii garbummaa jala turelle bilisa baase.
HEB 2:16 Yesuus sanyii Abrahaamii qarqaariisaaf malee, ergantoota Waaqaa gargaariisaaf hin dhunne.
HEB 2:17 Tanaaf inni Waaqa tajaajiliisaan Hayyicha Guddaa addatama'aa fi mararticha te'ee, kolbaan araara cubbu'uu akka dhaggattuuf, waan maraan obboleeyyan ifii fakkaatiis isaaf barbaachise.
HEB 2:18 Inni ifiifuu ataabamee rakkinna waan fudhateeruuf, worra ataabamu qarqaariisaaf hin dande'a.
HEB 3:1 Tanaaf dhugeeffattooti woyyoontanee, worra waamicha ol-gubba'aa qoodamu teetane, ka Waaqi ergee fi Hayyicha Guddaa dhugeeffannaa teennaa Yesuus yaadadha'a.
HEB 3:2 Muuseen mana Waaqaa mara keessatti addatamaa akkuma te'ee ture, Yesuusille Waaqa isa muudeef addatama'a.
HEB 3:3 Nami mana ijaaru mana san caalaa ulfinna akkuma qabu, Yesuusille, Muuse'een caalaa ulfinna dhaggatuu qaba.
HEB 3:4 Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa.
HEB 3:5 Muuseen waan gara duraa jedhamu'uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te'e.
HEB 3:6 Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama'a. Nuutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jabeessinee yoo qabanne mana isaa ti.
HEB 3:7 Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi jedhu, «Adha, qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane,
HEB 3:8 akkuma guyyaa ilaallacha'aa lafa goomolee keessatti Waaqa finqiltanee san mataa hin jabaatina'a!
HEB 3:9 Waaqi, ‹Abbootiin teessan achitti na ilaallatte; na wodhaantelle'e; woggaa afurtama waan ani godhelle dhaggite.
HEB 3:10 Tanaaf ani dhaloota sanitti aaree, gadhaan isaanii yennaa mara na irraa gora, isaan karaa kiyyalle hin beenne.
HEB 3:11 Maarre addee fooraa ta ani isaanii kennutti ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera› jedhe».
HEB 3:12 Obboleeyyan tiyya, isin keessaa eennulle gadhaa hama'aa fi hin dhugeeffanne, ka Waaqa jiraataa irraa garagalu akka hin qabaanne ifi eeggadha'a!
HEB 3:13 Ammoo eennulle isin keessaa cubbu'uun sobamee akka mataa hin jabaanne, yennaan «Adha» jedhantu tun adoo hin tarin guyyuma guyya'aan wol jajjabeessa'a!
HEB 3:14 Nuuti dhugeeffannaa teenna ta qara qannu haga muumme'eetitti jabeessinee yoo qabanne, worra Kiristoos woliin qooda qabaannu hin teena.
HEB 3:15 Tun akkuma Barreeffami Woyyichi, «Adha qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane, akkuma yennaa finqilaa gootane san mataa hin jabaatina'a!» jedhu.
HEB 3:16 Worri qoonqoo Waaqaa dhage'ee finqile eennu fa'a? Worruma Muuse'een sooreffamee biyya Gibxiitii baye maraayyuu motii?
HEB 3:17 Waaqi woggaa afurtama eennufa'atti aare? Worruma cubbuu hujee, lafa goomole'ee keessatti reeffi isaa jigee badee motii?
HEB 3:18 Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te'e malee, «Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu» jedhee ka itti kakate eennu fa'a?
HEB 3:19 Maarre worri itti galiisa dadhabe, dhugeeffatiisa dhabiisaan akka te'e dhaggina.
HEB 4:1 Tanaaf addee fooraa ta inni nu'uuf kennutti galiisaaf waadaan galame ammalle waan banaa jiruuf, isin keessaa eennulle carraa itti galiisaa adoo hin dhaggatin akka hin hanne, kowa'a ifi eeggannaa!
HEB 4:2 Oduu Gammadaa tama akka nuuti dhageennee isaanille dhage'ane; te'uu malee isaan jecha dhage'ane san dhugeeffanna'aan waan hin fudhatiniif isaaniif wo hin baane.
HEB 4:3 Hujiin isaa haga biyyi lafaa dadanteen jalqaddee fixantulle, «Addee fooraa ta ani kennutti isaan ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera» akkuma jedhe, ammalle nuuti worri dhugeeffanne addee fooraa ta waaqi nu'uuf kennu sanitti hin galla.
HEB 4:4 Marroo guyyaa torbeesso'ootiif addee takkatti, «Waaqi hujii ifii duudii irraa guyyaa torbeesso'oo foorfate» jedhantee barreeffanteerti.
HEB 4:5 Ammalle adduma tanatti, «Addee fooraa ta ani kennutti ijjumaa hin galanu» jedha.
HEB 4:6 Addee fooraa sanitti worri galu gariin jira; worri Oduu Gammadaa dursee dhage'e sun ajajamiisa waan dhabeef addee fooraa ta Waaqi isaaf kennutti hin galle.
HEB 4:7 Tunille akkuma kanaan dura, «Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane; mataa hin jabaatina'a» jedhee, Waaqi bara heddu'uun duuba karaa Daawitiitiin dubbii dubbateen, guyyaan dhibiin ka, «Adha» jedhamee waamame waan murtoweef mirkanoweera.
HEB 4:8 Iyaasuun addee fooraa san adoo isaaniif kennee jiraate, Waaqi ammalle, «Adha» jedhaa marroo guyyaa biraa hin dubbatuuyyu.
HEB 4:9 Yoona kolbaa Waaqaatiif foorri foora guyyaa Sanbataa fakkaatu ammalle hafeera.
HEB 4:10 Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata.
HEB 4:11 Maarre eennulle akka worra sanii ajajamiisa dhabiisaan jigee akka hin hanne, kowa'a addee fooraa sanitti galiisaaf jabaannaa!
HEB 4:12 Jechi Waaqaa jiraata'aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.
HEB 4:13 Dadi Waaqa duraa dhokattu takkaalle hin jirtu; wonni maraa fuula isaa duratti mulqama'aa fi qullaa te'ee mudhata; nuutille marroo teennaaf ka deebii kennuu qannu fuula isaa duratti te'a.
HEB 4:14 Yoona Hayyicha Guddaa guddicha ka gara ol-gubba'aa dabare, Yesuusii Ilma Waaqaa waan qannuuf dhugeeffannaa teenna jabeessinee qabannuu ti.
HEB 4:15 Hayyichi Guddaan nuuti qannu ka dadhabbii teenna nu'uuf nayuu dande'u; inni waan maraan akkuma keenna ataabameera; te'uu malee ijjumaa cubbuu hin hunye.
HEB 4:16 Yoona yennaa qarqaarsi nu'uuf barbaachisetti akka marartii fudhannuu fi badhaadha dhaggannu, kowaa gara badhaadhi itti dhaggamu, gara barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa sodaa malee dhikaannaa.
HEB 5:1 Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama.
HEB 5:2 Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala'aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma'aan ilaaliisaaf hin dande'a.
HEB 5:3 Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba'aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille'eef woreega dhikeessuu qaba.
HEB 5:4 Akkuma Aaronii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu.
HEB 5:5 Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te'iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera!» jedhettuu ulfinna kana kenneef.
HEB 5:6 Addee dhibiille'etti, «Akkuma hayyummaa, Malkiisedeqii, ati haga bara baraa hayyu'u» hin jedha.
HEB 5:7 Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi gaaffii gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef.
HEB 5:8 Ilma Waaqaa te'ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate.
HEB 5:9 Guutuu te'een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te'e.
HEB 5:10 Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.
HEB 5:11 Marroo waan kanaa waan jennu waan hedduu qanna; ammoo hubatiisaaf waan rinciccanuuf, ifa tolchanee himuun rakkisa'a.
HEB 5:12 Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; silaa sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa.
HEB 5:13 Nami aananiin jiraatu annuu waan te'eef, barsiisa dansa'aa fi hamaa gargar baasiisaa hin baranne.
HEB 5:14 Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti.
HEB 6:1 Yoona kowa'a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu'uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du'aa geessitu irraa deebi'iisaatii fi Waaqatti dhugeeffatiisaa, deebinee hin hundeessinu.
HEB 6:2 Akkasuma barsiisa marroo cuuphiisaa, marroo harka mataa namaa irra keyiisaa, marroo du'aa ka'iisaa, marroo muraa bara baraa deebinee hin hundeessinu.
HEB 6:3 Yoo Waaqi jedhe tana hin goona.
HEB 6:4 Worra dhugeeffannaa ifii mormate gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis attamiin dande'ama? Kanaan qaraa ifi isaaniif ifeera; kennansa ol-gubba'aalle dhandhamaneeran; Ayyaana Woyyicha wolille'een qoodamaneeran.
HEB 6:5 Dansummaa jecha Waaqaatii fi hunna bara dhufiisaaf jiruulle dhandhamaneeran.
HEB 6:6 Kanaan duuba yoo isaan dhugeeffannaa ifii mormatane, Ilma Waaqaa ifiifuu deebisanee waan fannisanuu fi waan ifaataan salphisanuuf, isaan gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis hin dande'amu.
HEB 6:7 Latti bokkeya isii irratti roobu yennaa hedduu untee, abbaa biqiltuu irratti dhaabeef bu'aa buuchu Waaqa irraa eebba hin dhaggatti.
HEB 6:8 Qore'ee fi qumi'uuduu yoo baache ammoo, gatii hin qaddu; yennaa gabaadduu keessatti hin abaaranti; duubi isi'iille ibiddaan gubatiisa.
HEB 6:9 Lansoota tiyya akkas dubbannulle, isin ejjannoo caaltuu ta fayyinna keessan isiniif fiddu irra jiraachuu keessan mirkaneeffanneerra.
HEB 6:10 Waaqi Waaqa sirri'itti muru; inni hujii teessanii fi jaalala isin kolbaa isaa gargaariisaan maqaa isaatiif mudhittanee fi ammalle gargaariisaan mudhisiisatti jirtanu hin dedhu.
HEB 6:11 Isin martinuu waan addi'iin eeggattanu haga harkaan qabattanutti, jabeenna keessan haga muumme'eetitti akka mudhittanu barbaanna.
HEB 6:12 Worra dhugeeffanna'aa fi ossatiisaan jabaatee, waan waadaan galameef dhaalu akka fakkaattanu barbaanna malee, worra rincicaa akka teetanu hin barbaannu.
HEB 6:13 Waaqi, Abrahaamiif yennaa waadaa gale, ittiin kakatiisaaf ka isa caalu waan hin jirreef, ifiin kakatee,
HEB 6:14 «Ani dhugumaan si hin eebbisa, sanyii teetille hin fakkansa» jedhe.
HEB 6:15 Abrahaam ossataan eeggatee waan waadaan galameef dhaggate.
HEB 6:16 Namooti yennaa kakatanu maqaa nama isaan caaluutiin kakatan; dubbii ifiille kaku'uun jabeessiisaan, wol mormii isaan wodhakkaa jirtu maraa balleessan.
HEB 6:17 Waaqi akki yaada isaa ka hin jijjiiranne akka te'e irra caalaa ifa tolchee mudhisiisaaf barbaadee, worra waadaa galame dhaaluuf, waadaa ifii gale kaku'uun jabeesse.
HEB 6:18 Akkuma kanaan Waaqi waan lama ka hin jijjiirannee fi ka ittiin hin sonne addi'ii fi kakuu nu'uuf kenneera; karaa waan lama kanaatiin addii nu dura jirtu jabeessinee qabatiisa akka dandeennu, nu worri isatti baqanne jajjabeenna guddaa hin dhagganna.
HEB 6:19 Akka hookkoon sibiilaa, hoboloo guddittii qabee dhaabu, nuutille addii addatantu'uu fi jadduu ta lubbuun teenna qabattee dhaabbattu qanna; addiin tun golla'aan duuba dabartee gara addee woyyittii Galma Waaqaa ka ol-gubba'aa hin seenti.
HEB 6:20 Addeen sun addee Yesuus akka seera hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa bara baraa te'ee, nu'uuf nu'uun dura seeneeru.
HEB 7:1 Malkiisedeqiin kun mootii Saalemiitii fi hayyicha Waaqa Ol Aana'aa ti; inni yennaa Abrahaam mootota injifatee deebi'u kara'atti wolde'ee isa eebbise.
HEB 7:2 Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkeessoon, «Mootii balchumma'aa ti», akkasuma «Mootii Saalemii» jechuun «Mootii nageyaa» jechu'u.
HEB 7:3 Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te'ee jiraata.
HEB 7:4 Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji'e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te'e ilaala'a!
HEB 7:5 Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja.
HEB 7:6 Malkiisedeq ammoo sanyii Lewwi'ii te'uu dhabulle, Abrahaamii waadaan galameef irraa kudhan keessaa tokko fudhatee, isa eebbise.
HEB 7:7 Diqqaan gudda'aan eebbifamiis mama hin qabu.
HEB 7:8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Malkiisedeq.
HEB 7:9 Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessaa tokko baaseera» jedhiisaaf hin dande'ama.
HEB 7:10 Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde'e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu.
HEB 7:11 Karaa hayyummaa Lewwi'iitiin seerri kolba'aaf kenname; karaa hayyummaa Lewwootaa kanaan guutummaan adoo dhaggantee jiraatte, muudaa hayyummaa Aaronii adoo hin te'in, hayyichi biraa ka muudaa hayyummaa Malkiisedeqii qabu dhufiis sila hin barbaachisuuyyu.
HEB 7:12 Yennaa hayyummaan jijjiirantu seerrille jijjiiramuu qaba.
HEB 7:13 Goottaan keenna ka marroo isaatiif amma dubbatamu kun ka gosa dhibii keessaa ti; gosa tana keessaa addee ciinca'aa dhiyaatee nami tajaajileeru tokkolle hin jiru.
HEB 7:14 Goottaan keenna gosa Yihuda'aa keessaa dhalatiis ka beekkame; te'uu malee Muuseen yennaa marroo hayyootaa dubbate, waan gosa Yihuda'aa womaa hin dubbanne.
HEB 7:15 Hayyichi biraa ka akka Malkiisedeqii gaafa ka'u, wonni kun caalaa ifa teeti.
HEB 7:16 Inni karaa aada'aa fi seera sanyi'iitiin adoo hin te'in, karaa hunna jireenna isaa ka dhuma hin qanneetiin hayyuu te'e.
HEB 7:17 Marroo isaatiif barreeffama Woyyicha keessatti, «Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, ati haga bara baraa hayyuu hin teeta» jedhamee dhugaan bayameeraaf.
HEB 7:18 Ajaji duraa dadhaba'aa fi ka wo hin baane waan te'eef diigameera.
HEB 7:19 Seera Muuse'eetiin wonni tokkolle guutuu te'iisaaf hin dandeenne; amma ammoo addiin caaltuun ta ittiin gara Waaqaa dhikaannu nu'uuf kennanteerti.
HEB 7:20 Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane.
HEB 7:21 Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti, «Waaqi, ‹Ati haga bara baraa hayyu'u› jedhee kakateera, inni yaada ifii hin jijjiiratu» jedhantee barreeffanteerti.
HEB 7:22 Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu'uuf wobii te'eera.
HEB 7:23 Hayyooti duraa hujii hayyummaa ifii akka itti hin fufne duuti waan dhooggituuf, laakkossi isaanii heddu'u.
HEB 7:24 Yesuus ammoo haga bara baraa waan jiraatuuf, hayyummaan isaa hin jijjiirantu.
HEB 7:25 Tanaaf inni isaaniif gaafatiisaaf yennaa duudii waan jiraatuuf, worra karaa isaatiin gara Waaqaa dhiyaatu ijjumaa fayyisiisaaf hin dande'a.
HEB 7:26 Yoona Hayyicha Guddaa: Woyyicha, ka komii hin qanne, qulqulluu, ka cubbaalleyyii irraa gargar baye, ka ol-gubba'aan irra ol aaneeru ka waan nu'uuf barbaachisu mara godhu nu'uuf barbaachisa.
HEB 7:27 Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhikeesse, takkumaan yennaa maraaf muummesseera.
HEB 7:28 Seerri Muuse'ee worra dadhabaa hayyoota gugurdoo godhee muuda; jechi kaku'uu ka Seera Muuse'eetiin duuba dhufe ammoo, haga bara baraa guutuu ka te'e Ilma Waaqaa muudeera.
HEB 8:1 Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, «Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba'atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana'aatitti te'eeru qanna» ka jedhu.
HEB 8:2 Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te'in Gootta'aan dhaabbante.
HEB 8:3 Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa.
HEB 8:4 Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu.
HEB 8:5 Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, «Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!» jedheen.
HEB 8:6 Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te'e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala'a.
HEB 8:7 Gondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso'oo sila hin barbaachittuuyyu.
HEB 8:8 Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee, «‹Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa woliin, gondooroo haareya gondooru hin dhufa› jedha Goottaan.
HEB 8:9 ‹Gondooroon tun, ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase, abbootii isaanii woliin gondooreetii moti; waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiniif, anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine› jedha Goottaan.
HEB 8:10 ‹Yennaa saniin duuba, kolbaa Israa'elii woliin gondooroon ani gondooru, Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa. Ani isaaniif Waaqa hin te'a; isaanille kolbaa tiyya hin te'an; ta jettu› jedha Goottaan.
HEB 8:11 ‹Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin, Goottaa beeki! Jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu na beekan.
HEB 8:12 Yakkaa isaaniille isaaniif hin araarama, cubbuu isaaniille haganaa achi hin qaabadhu› jedheera» jedhe.
HEB 8:13 Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu'u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.
HEB 9:1 Gondooroon duraa seera waaqonfanna'aatii fi Galma Waaqaa ka lafaa qaddi.
HEB 9:2 Dunkaaniin kolloo lama qaddu qopheeffanteertiiyyu. Kolloon balbalatti aantu ta wonni ifa irra keyanu, xarapheessa'aa fi daabboon Waaqa dura dhikaattu keessa jirtu, «Addee Woyyittii» jedhanti.
HEB 9:3 Gollaa lammeesso'ootiin gara duubaa addeen jirtu ta keessaa, «Addee Irra Caalaa Woyyittii» jedhanti.
HEB 9:4 Achi keessa addeen ciinca'aa, ta worqi'iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi Saanduqi Gondooro'oo ka worqi'iin gonfameeru jiran; Saanduqa Gondooro'oo tana keessa okkoteen worqi'iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaronii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran.
HEB 9:5 Saanduqa Gondooro'oo irra dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu ta ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu'uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu.
HEB 9:6 Wonni mara akkasitti qopheeffameen duuba, hayyooti tajaajila ifii muummessiisaaf, yennaa mara gara kolloo dunkaani'ii ta balbalatti aantuu seenan.
HEB 9:7 Kolloo gara boro'oo Hayyicha Guddaa calla'atti seena; innille wogga'atti yennaa tokko callaa seena; inni cubbuu ifiitii fi cubbuu kolbaan wollaalaan huje maraaf, dhiiga dhikeessu adoo hin qabatin hin seenu.
HEB 9:8 Dunkaaniin qaraa haga jirtu karaan gara addee woyyittii woyyootaa geessu, ammalle akka hin banamin Ayyaanni Woyyichi akkasiin mudhisa.
HEB 9:9 Kunille fakkeenna yennaa ammaa ti; kenna'aa fi woreegaan akka kanaan dhikaatanu wodanaa nama waaqonfatuu qulqulleessiisaaf ijjumaa hin dande'anu.
HEB 9:10 Wonni kun mara marroo nyaataatii fi uni'ii, marroo aadaa ifi qulleessiisa adda addaa waan te'eef, seera foonii ka haga yennaan seera haareyaa dhuttutti huju.
HEB 9:11 Kiristoos ammoo waan dadansaa dhufaaruuf Hayyicha Guddaa te'ee mudhateera; dunkaaniin inni seene guddo'oo fi guutu'u; dunkaaniin tun ta harka namaatiin hin hujaminii fi ta dada tana keessaa hin te'in.
HEB 9:12 Kiristoos woreega dhikeessiisaaf dhiiga re'e'eetii fi dardaraa qabatee adoo hin te'in, takkumaan yennaa maraaf dhiiga ifii qabatee, addee woyyittii woyyoota seene; akkasiin wodama bara baraa akka dhagganu nu'uuf godhe.
HEB 9:13 Dhiigii re'e'eetii fi dardaraa, daadhaan goronsa ciinceffameelle namoota battowane irratti facaasuun, battummaa foon isaanii irraa isaan ka qulleessu yoo te'e,
HEB 9:14 dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du'atti geessitu irraa attam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree!
HEB 9:15 Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te'ee du'e.
HEB 9:16 Yoo dhaamati dhaalaa jiraate, du'a nama dhaamatuu san mirkaneeffatiis barbaachisa'a.
HEB 9:17 Dhaamati dhaalaa gaafa namichi dhaala kenne sun du'e callaa hujii irra oola malee, adoo inni jiruu hujii irra ooluu hin dande'u.
HEB 9:18 Tanaaf Gondooroon duraatuu dhiigaan malee hujii irra hin oolle.
HEB 9:19 Muuseen ajaja Seeraa tokko tokkoon kolbaa maraaf himeen duuba, dhiiga dardaraatii fi re'e'ee bisaan woliin fuudhee, baala muka hisoophiitii fi rifeensa hoole'ee diima'aan, Kitaaba Seeraatii fi kolbaa maratti fiffixaa,
HEB 9:20 «Dhiigi gondooro'oo ka akka eeggattanuuf Waaqi isin ajaje kana» jedhe.
HEB 9:21 Akkasuma dunkaani'ii fi meya waaqonfanna'aaf tajaajilu maratti diiga fiffixe.
HEB 9:22 Dhugumaan akka Seera Muuse'eetitti waan diqqoo malee, wonni maraa dhiigaan qulleeffama; adoo dhiigi hin dhangala'in araarri cubbu'uu hin jiru.
HEB 9:23 Wonni fakkeenna waan ol-gubba'aa te'e mara, waan kana maraan qulloomiis barbaachisa'aayyu; wonni ol-gubbaa jiru maraa ammoo ifiifuu woreega kana caaluun qulleeffama.
HEB 9:24 Kiristoos Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame, ka fakkeenna dunkaanii dhugitti'ii te'e hin seenne; inni amma nu'uuf Waaqa duratti mudhatiisaaf jedhee ol-gubbaa seene.
HEB 9:25 Hayyichi guddichi Yihudootaa dhiiga ka isaa hin te'in qabatee, wogguma wogga'aan addee woyyittii Woyyoota seenaa ture; Kiristoos ammoo yennaa hedduu woreega godhee ifi dhikeessiisaaf hin seenne.
HEB 9:26 Adoo akkas te'ee, haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee, sila Kiristoos yennaa hedduu rakkinna fudhatiisa qabaayyu. Amma ammoo bara muumme'eetitti, ifi woreegiisaan cubbuu balleessiisaaf, takkumaan yennaa maraaf mudhateera.
HEB 9:27 Nami mara akka du'uu fi achiin duuba mura'aaf akka dhikaatu murtayeera.
HEB 9:28 Kiristoos cubbuu nama heddu'uu ba'atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba'atiisaaf adoo hin te'in, worra dharra'aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.
HEB 10:1 Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, akka akki isaa jiru ka dhuga'aatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u.
HEB 10:2 Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqonfatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu.
HEB 10:3 Woreegi kun marti ammoo wogguma wogga'aan ka isaan cubbuu ittiin qaabatanu.
HEB 10:4 Sababille dhiigi dardaraatii fi re'e'ee cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne.
HEB 10:5 Tanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yennaa dhufe, «Ati woreegaa fi kenna'atti hin gammanne, ammoo nafa naaf qopheessite.
HEB 10:6 Woreega ciinca'aatii fi, woreega cubbu'uuf woreegamutti ati hin gammanne.
HEB 10:7 Yennaa san ani, ‹Waaqa kiyya, Kitaaba Maramu keessatti akkuma marroo tiyyaaf barreeffante, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera› jedhe» jedhee dubbate.
HEB 10:8 Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, «Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca'aatii fi woreega cubbu'uu hin barbaanne, ittille hin gammanne» jedhe.
HEB 10:9 Itti dabaleelle, «Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera» jedhe; woreega lammeesso'oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige.
HEB 10:10 Akka fedhii Waaqaatitti, karaa foon Yesuus Kiristoosiitiin takkumaan yennaa maraaf woreega woreegameen woyyuu teeneerra.
HEB 10:11 Hayyichi mara guyyuma guyya'aan dhaabbatee tajaajila hayyumma'aa tajaajila; woreega cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne sanille yennaa mara dhikeessa.
HEB 10:12 Kiristoos ammoo woreega tokkocha yennaa maraaf te'u dhikeesseen duuba, midda Waaqaatitti tee'eera.
HEB 10:13 Yennaa sanii jalqabee diinoti isaa ejjata miila isaa akka te'anu eeggatiisatti jira.
HEB 10:14 Sababille inni worra woyyoome san woreega tokkochaan haga bara baraa guutuu akka te'u godheera.
HEB 10:15 Ayyaanni Woyyichille marroo waan kanaa dhugaa nu'uuf hin baya. Inni duraan dursee,
HEB 10:16 «Guyyooti sun yennaa geyane, gondooroon ani isaan woliin gondoorradhu, Seera kiyya gadhaa isaanii keessa hin keya, qalbii isaanii keessalle'etti hin barreessa ta jettu jedha Goottaan» jedhee dhugaa bayeef.
HEB 10:17 Itti dabaleelle, «Ani cubbu'uu fi jalluu isaanii deebi'ee hin qaabadhu» jedhe.
HEB 10:18 Eega kana araarri maraaf kenname, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikeeffamu hin jiraatu.
HEB 10:19 Obboleeyyan tiyya, yoona dhiiga Yesuusiitiin addee woyyittii woyyootaa seeniisaaf ifi-addii dhagganneerra.
HEB 10:20 Nuuti karaa golla'aatiin, jechuun karaa haareyaa fi jiraataa inni foon ifiitiin nu'uuf baneen seenna.
HEB 10:21 Nuuti Hayyicha Guddaa mana Waaqaa irratti baallii qabu qanna.
HEB 10:22 Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha'aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela'aa fi dhugeeffannaa dhugittii qabannee, kowa'a gara Waaqaa dhikaannaa.
HEB 10:23 Waaqi waadaa nu'uuf gale addatamaa waan te'eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, kowa'a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna.
HEB 10:24 Jaalalaa fi hujii dansa'aan dammandhee akka leenuuf, kowa'a wolii yaadannaa.
HEB 10:25 Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta'aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha'a.
HEB 10:26 Dhugaa beenneen duuba, beekaatuma cubbuu yoo hunye, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikaatu hin jiru.
HEB 10:27 Amma ammoo, muraa sodaachisuu fi ibidda hamaa mormitoota Waaqaa nyaatu eeggatiisatti hafeera.
HEB 10:28 Nama Seera Muuse'eetiif ajajama dhabe, yoo nami lama yookiin nami sad itti dhugaa baye, marartii malee du'aan adabama.
HEB 10:29 Nami Ilma Waaqaa tuffate, ka dhiiga gondooro'oo ka ittiin balchoome shasheesse, ka Ayyaana badhaadhaa arrasse, adabama kana caalu attamiititti barbaachisaaf isinitti fakkaata?
HEB 10:30 Nuuti, «Haluu ka baasu ana, ani gatii malte deebisee hin kaffala», akkasuma, «Goottaan kolbaa ifiititti hin mura» ka jedhe eennu akka te'e hin beenna.
HEB 10:31 Harka Waaqa jiraata'aa seenuun akka malee sodaachisa'a.
HEB 10:32 Ifi isiniif ifeen duuba, guyyoota duri rakkinna fudhattanee wodhaantoo guddo'oon ossattane san qaabadha'a.
HEB 10:33 Yennaa tokko tokko nama duratti arraffantanee, farritaneertan; yennaa dhibii worra rakkinna akkasii fudhatu wolille'een rakkinna fudhattaneertan.
HEB 10:34 Isin karra caaltuu fi yennaa mara jiraattu akka qaddanu waan beettanuuf, worra hidhameef gadhaa laattane; yennaa karri teessan saamantulle gammadaan fudhattane.
HEB 10:35 Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina'a!
HEB 10:36 Fedhii Waaqaa muummessitanee, waan Waaqi isiniif waadaa gale fudhatiisaaf ossataan eeggatiisa barbaachisa.
HEB 10:37 Sababille Barreeffam Woyyichi, «Yennaa diqqo'oon duuba, ka dhufu'uu male hin dhufa, hin turu;
HEB 10:38 Nami balchaan kiyya ammoo, dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata. Yoo duubatti sissiqe ammoo ani itti hin gammaddu» hin jedha.
HEB 10:39 Nuuti worra dhugeeffatee fayyu malee, worra gara duubaatitti sissiqee baduu moti.
HEB 11:1 Dhugeeffannaa jechuun waan addi'iin eeggatamu tokko, «Dhuguma hin te'a» jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti laakkowiisa.
HEB 11:2 Worri durii dhugeeffanna'aan Waaqa biraa fudhatama dhaggate.
HEB 11:3 Ol-gubba'aa fi biyyi lafaa jecha Waaqaatiin akka dadamane dhugeeffanna'aan hin hubanna; waan kanaaf wonni ilaan dhaggamu maraa waan ilaan hin dhaggine irraa akka hujame hin beenna.
HEB 11:4 Abeel dhugeeffanna'aan woreega ka Qaayinii caalu Waaqaaf dhikeesse; Waaqi woreega Abeelii gammadaan yennaa fudhate, Abeel dhugeeffanna'aan balchaa akka te'e dhugaa bayeef; Abeel du'ulle karaa dhugeeffanna'aatiin ammalle dubbatiisatti jira.
HEB 11:5 Heenoki akka duuti isa hin dhaqqanne dhugeeffanna'aan ol fudhatame; waan Waaqi isa fudhateef inni hin dhagganne; adoo hin fudhatamin dura akka inni Waaqa gammachiiseeru dhugaan bayameeraaf.
HEB 11:6 Dhugeeffanna'aan malee Waaqa gammachiisuun hin dande'amu; nami gara Waaqaa dhiyaatu, akka Waaqi jiruu fi worra isa barbaaduuf ka gatii kennu akka te'e dhugeeffatuu qaba.
HEB 11:7 Nohi marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna'aan huje. Sababa dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggantu dhaale.
HEB 11:8 Abrahaam biyya ifiitii bayee, addee akka dhaalaa fudhatu akka dhaquuf yennaa waamame gara itti dhaqaaru beekuu dhabulle, dhaqiisaaf dhugeeffanna'aan ajajame.
HEB 11:9 Inni Yisihaqii fi Yaaqoobii isa woliin waadaa galame dhaalanu woliin, biyya waadaan galame keessa, akka ormaa dunkaanii keessa dhugeeffanna'aan le'e.
HEB 11:10 Inni qachaa guddaa hundee jabaa qabu, ka Waaqi akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare waan eeggataa tureef tana godhe.
HEB 11:11 Abrahaam guddoo dulloomulle, Saaraan ta deya hin qanne teetulle, Waaqi waadaa gale addatamaa akka te'e waan beekeeruuf, dhugeeffanna'aan hunna uumatiisaa dhaggate.
HEB 11:12 Tanaaf Abrahaamii tokkocha akka nama du'eetitti laakkowamu irraa, finni akka urjii ol-gubba'aa fakkanuu fi akka maansa abbaayaa qarqaraa laakkossa hin qanne dhaggame.
HEB 11:13 Worri kun duudiin waadaa isaaniif galame adoo hin fudhatin dhugeeffanna'aan adoo jiranuu du'ane; ammoo fago'otti dhagganee, akka waan dhaggataneetitti gammadaan fudhatane. Lafa tana irralle'etti ormaa fi keessummoota akka te'ane beekaneeraniiyyu.
HEB 11:14 Worri akkas dubbatanu biyya ifii eegatiisatti akka jiranu mudhisan.
HEB 11:15 Biyya keessaa bayane san adoo yaadaa jiraatane itti deebi'iisaaf sila hin dande'aniiyyu.
HEB 11:16 Amma ammoo, isaan biyya san caalu ka ol-gubbaa jirtu dharra'an; tanaaf Waaqi qachaa guddaa waan isaaniif qopheesseeruuf, «Waaqa isaanii» jedhamee waamamiisaaf hin fokkifanne.
HEB 11:17 Abrahaam yennaa Waaqi isa haga ilaale, dhugeeffanna'aan Yishaaqi woreega godhee dhikeesse. Abrahaamiin waadaa fudhate sun ilma ifii tokkochuma san woreega godhee kenniisaaf qophoweeraayyu.
HEB 11:18 Ilmi isaalle ka Waaqi, «Sanyiin teeti Yisihaqiin waammanti» jedheen san.
HEB 11:19 Waaqi du'aa kaasiisaaf dandeettii akka qabu Abrahaam waan hubateeruuf, akka waan du'aa ka'eetitti deebi'ee Yisihaq dhagge.
HEB 11:20 Yisihaq waan gara duraa te'u yaadatee dhugeeffanna'aan Yaaqoobii fi Esaawu eebbise.
HEB 11:21 Yaaqoob yennaa du'a geye, qaccee borjoo ifiititti irkifatee Waaqaaf sagadaa, dhugeeffanna'aan ilmaan Yoseefii tokkuma tokkoon eebbise.
HEB 11:22 Yoseefille yennaa du'a geye, dhugeeffanna'aan kolbaan Israa'elii biyya Gibxii keessaa akka baatu dubbatee, lafee isaalle maan godhuu akka malane ajaja kenne.
HEB 11:23 Yennaa Muuseen dhalate, haatii fi abbaan isaa akka inni shaggicha te'e dhagganee, ajaja mootichaa adoo hin sodaatin ji'a sad dhugeeffanna'aan dhossane.
HEB 11:24 Muuseen yennaa guddate, dhugeeffanna'aan ilma intala Fara'oonii jedhamee waamamuu dide.
HEB 11:25 Inni yennaa gabaaddu'uuf gammada cubbu'uutiin gammadu'uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate.
HEB 11:26 Gatii gara duraa fudhatu waan ilaaleeruuf, marroo Masiihiitiif salphatuun, karra biyya Gibxiitiin irra, ta caaltu akka teete yaadate.
HEB 11:27 Inni dhugeeffanna'aan, mufii mootichaa adoo hin sodaatin biyya Gibxiitii baye; Waaqa ilaan hin dhagginelle akka waan dhaggeetitti te'ee yaada qabutti jabaate.
HEB 11:28 Ergamaan Waaqaa ka akka ilmaan angafoota ijjeesuuf ajajame, angafoota kolbaa Israa'elii akka hin ijjeenneef jedhee, dhugeeffanna'aan Jila Irra Dabaramaatii fi aadaa fixiisa dhiigaa godhe.
HEB 11:29 Kolbaan Israa'elii Abbaayaa Diintuu keessa, akkuma lafa goddu'uu dhugeeffanna'aan qaxxaamurte; worri Gibxii ammoo akkuma isaanii godhiisaaf wodhaanee liqinfame.
HEB 11:30 Worri Israa'elii dhugeeffanna'aan Yerikoo marsee, guyyaa torba irra naannoween duuba dalleenni dhaka'aa jige.
HEB 11:31 Sagaagaltittiin Rahaab jedhantu dootuu waan nageyaan fudhatteef, worra hin ajajane woliin du'iisa irraa dhugeeffanna'aan hatte.
HEB 11:32 Yoona tana caalaa maan jedhu ree? Marroo Giidewonii, Baaraaqii, Samsoonii, Yifta'aa, Daawitii, Saamu'eliitii fi raagotaa isinitti odeessiisaaf yennaan naa hin geettu.
HEB 11:33 Isaan dhugeeffanna'aan mootota injifatane; sirri'itti bulchane; waan waadaa galamelle fudhatane; afaan neenqaa cufane;
HEB 11:34 bobe'a ibiddaa dhaanfane; qara shallaaga'aa jalaa bayane; dadhabbii ifii irraa jajjabaatane; lolaan janna te'ane; loltoota ormaa ari'ane.
HEB 11:35 Dubartooti firoottan isaanii duraa du'anee, du'aa ka'ane, deebisanee fudhatane. Worri kuun ammoo du'aa ka'anee jiruu caalte dhaggatiisaaf, hiikkamuu didanee, farra dhaggane.
HEB 11:36 Worri kuun taphatamanee liche'een dhaanamanee, wodaroo sibiilaatiille'een hidhamanee, mana hidha'aatitti hidhamane.
HEB 11:37 Dhaka'aan tumamane; magaazi'iin addee lamatti baqaffamane; shallaaga'aan ijjeefamane; gogaa hoole'eetii fi re'e'ee uffatanee asii fi achi deemane; hiyyoommatanee, miidhamanee, akka malee tolfamane.
HEB 11:38 Biyyi lafaa isaaniif ta malte hin teene! Isaan akka worra baqatuu goomole'ee fi gaara, godaa fi boolla lafaa keessa olii gadi deemane.
HEB 11:39 Dhugeeffannaa isaan maraatiifuu dhugaan bayantulle, waadaa isaaniif galame ammalle hin fudhanne.
HEB 11:40 Waaqi waan caalu waan nu'uuf qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, qofuu guutuu te'iisaaf hin dande'anu.
HEB 12:1 Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala keenna naannessane kana mara waan qannuuf, kowa'a waan ba'aa nu irratti te'e maraa fi cubbuu nu'utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna.
HEB 12:2 Nuuti jalqaba'aa fi muummessaa dhugeeffannaa teennaa ka te'e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du'iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du'a fanno'oo ossatee midda barcumaa mootumma'aa ka Waaqaatitti tee'e.
HEB 12:3 Yoona akka hifattanee addii hin kutanne, mormii cubbaaleyyi'ii tana mara ka ossate Yesuus ilaala'a.
HEB 12:4 Isin cubbu'uun woliin wodhaantoo qabatiisaan haga dhiiga keessan dhangalaasiisaatitti haga ammaa hin falmanne.
HEB 12:5 Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni, «Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu, akka kaso'ootitti hin ilaalin; yennaa inni si adabelle, gadhaa hin kutatin!
HEB 12:6 Sababille Goottaan nama jaalatu hin xixa; nama akka ilma ifiititti fudhatulle hin adaba» jedha.
HEB 12:7 Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi'ii ossadha'a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni?
HEB 12:8 Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baana malee ijoolle'ee moti.
HEB 12:9 Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru'uun leenuuf irra caalaa Abbaa keenna ka ayyaanaatiif ajajamu'uu mallee motii ree?
HEB 12:10 Abbootiin teenna yennaa diqqo'oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu'aa teennaaf nu adaba.
HEB 12:11 Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma'aa ka nageyaan guutame hin buuchi.
HEB 12:12 Tanaaf harka keessan ka isin irraa bu'ee fi jilba keessan ka dadhabe jabeessa'a!
HEB 12:13 Miilli keessan ka naafate akka fayyu malee akka adde'een hin kaane, miila keessaniif karaa qajeelfadha'a.
HEB 12:14 Nama maraa woliin nageyaan le'a! Woyyumma'aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma'aan le'iisaaf jabaadha'a.
HEB 12:15 Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha'a.
HEB 12:16 Eennulle baalagee, yookiin akka Esaawuu sagalee yennaa takka'aatiif jedhee, angafummaa ifii gurguree ka Waaqa malee le'u te'ee, akka hin teene ifi eeggadha'a.
HEB 12:17 Duuba irra Esaawu eebba dhaggatiisaaf yennaa barbaade, akka dhooggame isinuu hin beettan; bowaa eebba dhaggatiisaaf barbaadatulle, waan huje irraa deebi'iisaaf carraa hin dhagganne.
HEB 12:18 Isin akka Israa'elootaa gara gaara Siina'aa ka harkaan qabamuu dande'uu, ka ibiddaan bobe'uu hin geenne; gara dukkanaa, gara dimmaa, gara bubbe'ee,
HEB 12:19 gara qoonqoo tultulla'aatii fi qoonqoon jechaan himantu dhage'antuu hin dhikaanne; worri jecha san dhage'ane akka jechi dhibiin dabalamee itti hin dhage'anne kadhatane.
HEB 12:20 Ajaji, «Bineensille gaara san yoo tuqe, dhaka'aan tumamee du'uu ti» jedhu waan isaanitti ulfaateef, ba'atiisaaf hin dandeenne.
HEB 12:21 Wonni achitti dhaggame akka malee sodaachisaa waan te'eef, Muuseenuu, «Ani sodaadhee holladhe» jedhe.
HEB 12:22 Isin ammoo gara gaara Xiyoonii dhikaattaneertan; Xiyoon qachaa Waaqa jiraata'aa ka teete Yerusaalemii ol-gubba'aa ti; isin gara ergantoota Waaqaa ta kuma heddu'utti laakkowantuu, ta gammadaan wolitti qabanteertuu dhikaattaneertan.
HEB 12:23 Gara Wolde'a worra maqaan isaanii ol-gubba'atti barreeffamee, ka angafoota ijoollee Waaqaa te'anee dhikaattaneertan. Gara Waaqa kolbaa duudi'itti muruutii fi lubbuu balchoole'ee ta guutuu teetee dhikaattaneertan.
HEB 12:24 Gara Yesuusii wodhakkicha gondooroo haareyaa te'ee, gara ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuutii fi dhiiga isaa ka fixamee dhikaattaneertan.
HEB 12:25 Ka dubbatiisatti jiru san akka hin didanne ifi eeggadha'a! Worri Waaqi biyya lafaa irratti dubbatuun didane jalaa bayiisa eega dadhabane, nuuti ka ol-gubbaa irraa nutti dubbatu yoo didanne attamiin jalaa baana ree!
HEB 12:26 Yennaa san qoonqoon isaa lafa tachooteerti; amma ammoo, «Ani ammalle yennaa tokko, lafa callaa adoo hin te'in, ol-gubbaalle hin tachoosa» jedhee waadaa galeera.
HEB 12:27 Jechi, «Ani ammalle yennaa tokko» jedhu kun, wonni hin tachoone jabaatee akka le'u, wonni tacho'u yookiin wonni dadame akka badu mudhisa.
HEB 12:28 Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa'a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda'aan kowa'a isa Waaqonfanna.
HEB 12:29 Sababille Waaqi keenna ibidda gubee balleessu.
HEB 13:1 Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaaladha'a!
HEB 13:2 Keessummaa fudhattanee keessummeessiisa hin dedhina'a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeessaneeran.
HEB 13:3 Akka isaan woliin hidhantanee jirtanuutitti, worra hidhameeru yaadadha'a! Akka isaan woliin rakkatiisatti jirtanuutitti, worra rakkinna fudhatiisatti jiru yaadadha'a!
HEB 13:4 Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti.
HEB 13:5 Jaalala beese'ee irraa if qusadha'a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera.
HEB 13:6 Maarre sodaa malee, «Goottaan gargaaraa kiyya, ani hin sodaadhu; nami maan na godhuu dande'a ree?» hin jenna.
HEB 13:7 Worra jecha Waaqaa isinitti dursee hime sooreyyii teessan qaabadha'a! Leetoo isaanii keessaa waan dhaggame ilaala'a, fakkeenna dhugeeffannaa isaaniille fudhadha'aatii hordofa'a.
HEB 13:8 Yesuus Kiristoos kaleelle, adhaalle, haga bara baraalle sanuma!
HEB 13:9 Barsiisa adda addaa, barsiisa orma te'e maraan hin booji'amina'a! Gadhaan keenna seera sagale'ee eeggatiisaan adoo hin te'in, badhaadha Waaqaatiin adoo jabaate dansa'a; worri seera sagale'ee eeggateeyyuu womaa hin dhagganne.
HEB 13:10 Nuuti addee ciincaan itti ciinceffamu qanna; te'uu malee worri dunkaanii Yihudootaa san keessa tajaajilu akka addee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuuf hin eeyyamamu.
HEB 13:11 Hayyichi guddichi Yihudootaa, dhiiga hori'ii ka araara cubbu'uu fidu qabatee addee woyyittii woyyootaa seena; foon horii sanii ammoo addee itti qubataneen alatti gubama.
HEB 13:12 Akkasuma Yesuus dhiiga ifiitiin kolbaa woyyoonsiisaaf, karra qachaa gudda'aatiin alatti rakkate.
HEB 13:13 Kowa'a nuutille addee quttumaatii baanee gara isaa dhandha; worra salphinna inni fudhatelle qoodannu teena.
HEB 13:14 Nuuti qachaa guddicha dhufu eeggatiisatti jirra malee, qachaa guddicha hin banne lafa tana irratti hin qannu.
HEB 13:15 Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa'a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu.
HEB 13:16 Waan dansaa godhiisaa fi waan qaddanu worra dhibi'iin geyiisa hin dedhina'a! Woreegi akkasii Waaqa hin gammachiisa.
HEB 13:17 Sooreyyii teessaniif ajajama'a; baallii isaaniitille'een jalatti bula'a; isaan baallii Waaqaan itti gaafatamanu waan qabanuuf, lubbuu teessan jabaatanee tissan; yoo isin isaaniif ajajantane, isaan kana gammadaan hujan; yoo akkas hin te'in, gaddaan hujan; kun isiniif dansa'aa moti.
HEB 13:18 Nu'uuf daadimadha'a; nuuti karaa maraan waan dansaa hujiisaaf halchaa waan qannuuf, wodanaa qulqulluu akka qannu beenneerra.
HEB 13:19 Irra caalaa akka ani dafee gara keessan deebi'ee dhufuuf akka daadimattanu, jabeessee isin kadhadha.
HEB 13:20 Waaqi Abbaan nageyaa, ka dhiiga gondooroo bara baraatiin, tissee hoole'ee guddicha, Goottaa keenna Yesuus du'aa kaase,
HEB 13:21 fedhii isaa akka muummessitanuuf waan dansaa maraan isin hidhachiisu; waan isa gammachiisulle, karaa Yesuus Kiristoosiitiin nu keessatti hujuu ti. Ulfinni haga bara baraa Yesuus Kiristoosiif te'u! Ameen.
HEB 13:22 Obboleeyyan tiyya! Ergaan ani isiniif barreesse tun gabaadduu waan teeteef, dubbii gorsaa tana ossataan akka fudhattanu jabeessee isin kadhadha.
HEB 13:23 Obboleessi keenna Ximootewoosille mana hidha'aatii akka hiikame akka beettanu fedha. Yoo inni dafee as dhufe, isa woliin dhufee isin dhagga.
HEB 13:24 Sooreyyii teessanii fi kolbaa Waaqaa maratti nageya naa hima'a! Obboleeyyan biyya Ixaaliya'aatii dhutte nageya isinitti dhaanti.
HEB 13:25 Badhaadhi Waaqaa isin mara woliin jiraatu! Ameen.
JAM 1:1 Ana Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii irraa, gosa kudhanii lama ta biyya lafaa duudi'itti bittinnoottaneef: Nageenni isiniif te'u.
JAM 1:2 Obboleeyyan tiyya! Haga ilaallatama adda addaatiin ilaallatamuun yoo isinitti dhuttelle, akka gammadaatitti fudhadha'a!
JAM 1:3 Sababille haga ilaallatamuun dhugeeffannaa teessanii ciniinnattanee ossiisa akka fidu hin beettan.
JAM 1:4 Haga muumme'ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te'e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti.
JAM 1:5 Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma'aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.
JAM 1:6 Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna'aan gaafatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaaya'aa ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti.
JAM 1:7 Nami akkasii, ka yaada lamaatii fi karaa maraan raafamaa waan te'eef, Goottaa biraa waan tokkolle hin dhaggadha jedhee hin eegatin.
JAM 1:9 Obboleessi gad aanaan, waan Waaqaan ol qabamuuf ifi jajuu ti!
JAM 1:10 Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti!
JAM 1:11 Aduun o'a isi'ii ka woxaluun baatee daraaraa qoorsiti; daraaraan hin harca'a, dansummaan isaalle hin baddi. Akkasuma dureessille, hujii ifii adoo hujatuu hin bada.
JAM 1:12 Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii jiru'uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata.
JAM 1:13 Nami yennaa ataabamu, «Waaqi na ataabe» hin jedhin; Waaqi hantu'uun hin ataabamu; ifille'eef nama hin ataabu.
JAM 1:14 Ammoo nami martinuu halchuma ifiitiin yennaa sossobamee sobamu ataabama.
JAM 1:15 Achiin duuba, halchaan sun yennaa ulfootte, cubbuu dhalti; cubbuun sunille, yennaa guddattee geette, du'a dhalti.
JAM 1:16 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, hin sobamina'a.
JAM 1:17 Arjummaa dansa'aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba'aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.
JAM 1:18 Nuuti dada isaa maraaf angafa akka teenuuf, Waaqi fedhii ifiitiin jecha dhuga'aatiin nu uume.
JAM 1:19 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage'iisaaf ka ariifate, dubbatiisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te'uu ti;
JAM 1:20 sababille aariin namaa balchummaa Waaqaa hin fiddu.
JAM 1:21 Tanaaf battumma'aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa'a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma'aan fudhadha'a.
JAM 1:22 Worra jecha hujii irra oolchu te'aa malee, worra dhage'u qofa teetanee ifi hin sobina'a.
JAM 1:23 Nami jecha dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, akka nama fuula ifii daaw'iti'iin ilaaluu ti;
JAM 1:24 inni ifi ilaalee deemeen duuba, yoosuma maan akka fakkaatu hin dedha.
JAM 1:25 Ammoo nami Seera Waaqaa ka dhidhinna hin qanne, ka bilisa baasu hubatee ilaalu, ka ittille ossatu, ka dhage'ee hujii irra oolchuu fi ka hin deene hujii ifiitiin ka eebbifame hin te'a.
JAM 1:26 Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu.
JAM 1:27 Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti'ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du'eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle'ee ifi eeggachu'u.
JAM 2:1 Obboleeyyan tiyya! Goottaa ulfinnaa keenna Yesuus Kiristoositti dhugeeffannaa eega qabaattane, nama wol hin caalchisina'a.
JAM 2:2 Nami dureessi tokko qubee worqi'ii keyatee, woyaa dansaalle uffatee gara wolitti qabama keessanii yoo dhufe, namichi hiyyeessi woyaa ciccittu'uulle yoo ol seene,
JAM 2:3 isin namicha woyaa dansaa uffate san ulfeessiisaan, «Ati addee dansaa tana tee'i» jettanee, namicha hiyyeessa saniin ammoo, «Ati achi dhaabbadhu yookiin as miila kiyya jala tee'i» yoo jettane,
JAM 2:4 odduu teessanitti nama wol caalchittanee, worra yaada hama'aan muru te'uu keessanii motii ree?
JAM 2:5 Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, dhage'aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna'aan dureeyyii te'anuu fi mootummaa inni worra isa jaalatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te'ane filateeraa motii?
JAM 2:6 Isin ammoo worra hiyyeeyyii ulfinna dhooggitane; worri isin hacuucu, worri gara kora mura'aa isin harkisu dureeyyi'ii motii?
JAM 2:7 Maqaa dansaa isin ittiin waamantanu ka faanshessu isaanii motii?
JAM 2:8 Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaalattutti jaaladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane.
JAM 2:9 Nama yoo wol caalchittane ammoo cubbuu hujjan; akka yakkaamessa tokkootitti seerri isinitti mura.
JAM 2:10 Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama.
JAM 2:11 Ka, «Hin gaarayyeeffatin» jedhettuu, «Hin ijjeesin» waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta.
JAM 2:12 Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e.
JAM 2:13 Nama marartii hin qannetti, marartii malee itti hin muranti; marartiin muraa hin injifatti.
JAM 2:14 Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, «Ani dhugeeffannaa qaba» jedhee, hujii dansa'aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii?
JAM 2:15 Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane,
JAM 2:16 isin keessaa nami tokko, waan le'ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema'a, hin boojjatina'a, quufa'a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati?
JAM 2:17 Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute.
JAM 2:18 Nami tokko, «Ati dhugeeffannaa qadda; ani hujii dansaa qaba» yoo jedhe, ani, «Dhugeeffannaa teeti hujii irraa gargar baasiitii natti mudhisi; anille dhugeeffannaa tiyya hujii tiyyaan sitti mudhisa» hin jedhaan.
JAM 2:19 Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.
JAM 2:20 Namicha gowwa'a! Dhugeeffannaan huji'iin malee ta gatii hin qanne akka teete beekiisaaf dhugaa itti barbaaddaa?
JAM 2:21 Abbaan keenna Abrahaam ilma ifii Yisihaq, addee ciincaan itti ciinceffamu irratti yennaa dhikeesse, huji'iinii motii ka balchoome?
JAM 2:22 Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji'iin akka muummotte hin dhaggituu?
JAM 2:23 Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowante» jedhu muummowe; innille jaala Waaqaa jedhame.
JAM 2:24 Nami huji'iin malee, dhugeeffannaa qofaan akka hin balchoonne hin dhaggitan.
JAM 2:25 Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa'elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi'iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii?
JAM 2:26 Nafi hafuura hin qanne ka du'e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute.
JAM 3:1 Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami hedduun barsiisota hin te'ina'a. Sababille nuuti worri barsiisota teene worra kaan caalaa muraa akka fudhannu hin beettan.
JAM 3:2 Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toowatuu dande'u, nama miju'u.
JAM 3:3 Fardi akka nu'uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina.
JAM 3:4 Me hoboloo guddittii ilaala'a! Hoboloon guddoon adoo guddo'ootuu, qilleensa jabaalle'een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa.
JAM 3:5 Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te'eeruu, waan gugurdo'oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha'a!
JAM 3:6 Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu'utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le'ii teennaa duudii hin guba; ifille'eef ibidda qile'eetiin gubata.
JAM 3:7 Nami bineensota adda addaa, sinbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande'a; leenjiseeralle'e.
JAM 3:8 Nami arraba leenjisuu dande'u ammoo hin jiru; inni hadhaa du'aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne.
JAM 3:9 Nuuti arrabaan Waaqa Abbaa keenna galateessina, isumaanuu namoota fakkeenna Waaqaatiin dadamane abaarra.
JAM 3:10 Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te'uu hin malle.
JAM 3:11 Maddi tokkochi bisaan mi'owuu fi hadhowu hin maddaa?
JAM 3:12 Obboleeyyan tiyya! Muki harru'uu midhaan ejersaa, muki woyni'iille midhaan harru'uu buusuu hin dande'aa? Akkasuma maddi horaa bisaan nami unu madduu hin dande'u.
JAM 3:13 Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le'ii ifii dansa'aan, waan ifi gadi qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti.
JAM 3:14 Gadhaa keessan keessatti hinaaffaa hadhoottu'uu fi ifi jaalachuu yoo qabaattane ammoo, ifi hin jajina'a! Dhugaa irralle'etti soba hin dubbatina'a!
JAM 3:15 Qarummaan akkasii tun ta lafaa, ta ayyaantummaa hin qannee fi ta durriisaa ti malee, ta ol-gubbaa irraa dhuttee moti.
JAM 3:16 Addee hinaaffa'aa fi ifi jaalatiis jirtutti hoga'aa fi waan hantuu maratti jira.
JAM 3:17 Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti'i; akkasuma nageellitti'i, qajeeltu'u, ifi kennitu'u, mararti'ii fi midhaan dansa'aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre.
JAM 3:18 Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma'aa wolitti qabata.
JAM 4:1 Lolaa fi falmiin odduu teessan jirtu, eessaa dhutte? Halchaa nafa keessan keessatti wol loltu irraa dhuttii motii?
JAM 4:2 Isin waan tokko hin halchitan, ammoo hin dhaggattanu; tanaaf nama ijjeettan. Jabaattaneelle woy halchitan, dhaggatiisaaf hin dandeettanu; tanaaf wol falmaa wol loltan. Waan hin daadimanneef, waan barbaaddanu hin dhaggattanu.
JAM 4:3 Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra oolchiisaaf, yaada hama'aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu.
JAM 4:4 Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te'uu halchu, diina Waaqaa hin te'a.
JAM 4:5 Yookiin Barreeffam Woyyichi, «Waaqi, ayyaana nu keessa keyeef hin hinaafa» yennaa jedhu, akkasumaan ka dubbatu isinitti fakkaataa?
JAM 4:6 Waaqi ammoo badhaadha irra caalu hin kenna; tanaaf Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma, worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna» jedha.
JAM 4:7 Maarre Waaqaaf ajajama'a; Seexana ammoo morma'a, innille isin baqata.
JAM 4:8 Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a.
JAM 4:9 Laaleffadha'a, gadda'a, bowa'a! Kolli keessan gara gaddaa, gammadi keessan gara bowiisaa jijjiiramuu ti.
JAM 4:10 Goottaa duratti gad ifi qaba'a, innille ol isin hin qaba.
JAM 4:11 Obboleeyyan tiyya, waan hantuu wol irratti hin dubbatina'a! Nami waan hantuu obboleessa irratti dubbatu yookiin obboleessa ifiititti muru, seera irratti hantuu dubbata, ittille hin mura; ati seera irratti yoo murte ammoo, nama seera irratti muru malee, nama seera hujii irra oolchuu moti.
JAM 4:12 Ka seera baasuu fi murulle Waaquma tokkocha; ka fayyisiisaa fi balleessiisa dande'ulle isuma calla'a; ati ka namatti murtu eennu ree?
JAM 4:13 Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu'aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa'a!
JAM 4:14 Isin waan boru te'u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo'oof mudhattee deebitee badduu ti.
JAM 4:15 Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane.
JAM 4:16 Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu'u.
JAM 4:17 Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti.
JAM 5:1 Amma isin dureeyyiille caqasa'a! Gaddi waan isinitti dhufaaruuf, wiiccifadha'aa bowa'a.
JAM 5:2 Karri teessan alootteerti; woyaan teessanille bili'iin nyaatanteerti.
JAM 5:3 Worqi'ii fi meetiin teessan ciilteerti; ciilli isaanii kun isin irratti dhugaa hin baya, akka ibiddaalle foon nafa keessanii hin nyaata. Guyyoota gara muumme'ee kana keessatti karra wolitti qabattaneertan.
JAM 5:4 Caqasa'a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan Waan Mara Dade iyyansa isaanii dhage'eera.
JAM 5:5 Isin qanani'ii fi gammadaan lafa irra leetaneertan; guyyaa itti qalantanuuf ifi gabbifattaneertan.
JAM 5:6 Isin nama balchaa isin hin morminetti murtanee ijjeettaneertan.
JAM 5:7 Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi'ee dhufutti ossadha'a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege'ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala'a.
JAM 5:8 Isinille akkasuma ossadha'a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha'a.
JAM 5:9 Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin muranne wolitti hin gungumina'a! Kunoo yennaan abbaan mura'aa dhufu geetteerti.
JAM 5:10 Obboleeyyan tiyya! Marroo rakkatiisaatii fi ossatiisaa, raagota maqaa Gootta'aatiin dubbatane akka fakkeennaatitti fudhadha'a!
JAM 5:11 Worra ciniinnatee ossaa ture san, nuuti akka worra badhaadheetitti isaan ilaalla. Iyoob attam akka ciniinnatee osse dhageettaneertan; muummee irratti waan Goottaan godhe dhaggitaneertan; sababille Goottaan marara'aa fi gadhi-laafessa.
JAM 5:12 Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina'a! Ol-gubba'aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille'een hin kakatina'a! «Eetiin» teessan eeti, «Waawwoon» teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te'in, isinitti hin muranti.
JAM 5:13 Odduu teessan nami rakkatiisatti jiru jiraa? Inni daadimatuu ti! Nami gammadeeru jiraa? Inni faaruu galataa faarfatuu ti.
JAM 5:14 Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde'a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta'aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti.
JAM 5:15 Daadimannaan dhugeeffanna'aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf.
JAM 5:16 Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha'a, woliifille daadimadha'a! Daadimannaan nama balcha'aa hunnaametti'ii fi bu'aa qabeetti'i.
JAM 5:17 Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji'a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne.
JAM 5:18 Yennaa inni deebi'ee daadimate ammoo, gubbaan bokkeya kennitee, lattille midhaan baache.
JAM 5:19 Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami tokko dhugaa irraa goreeruun, nami dhibiin dhuga'atti yoo isa deebise,
JAM 5:20 ka nama cubbaalessa cubbuu irraa deebisu, lubbuu nama cubbaalessaa du'a irraa fayyisee, cubbuu heddu'uufille akka inni araara dhaggatu akka godhe beekuu ti.
1PE 1:1 Ana Pheexroosii ergamaa Yesuus Kiristoosii irraa: Worra Waaqaa fowantane ka biyya jirtanuu baatanee kutaa biyya Phonxoosiititti, Galaatiya'aatitti, Qaphadooqiya'aatitti, Asiya'aatii fi Bitaaniya'aatitti bittinnoottanee jirtanu,
1PE 1:2 ka akkuma Waaqi Abbaan duraanuu karoorfatetti filantanee, Yesuus Kiristoosiif ajajamiisaa fi dhiiga isaatiin qulqulloomiisaaf Ayyaana Woyyichaan woyyoontaneef: Badhaadhii fi nageenni isiniif fakkanu.
1PE 1:3 Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te'u! Inni marartii ifii guddo'oon du'a keessaa ka'iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera.
1PE 1:4 Akkasuma inni karra guddoo hin banne, yookiin hin aloonne, yookiin hin dulloonne Ol-gubba'atti isiniif qopheesseera.
1PE 1:5 Kun isin worra karaa dhugeeffannaa fayyinna bara muumme'eetitti mudhatuuf qophowee jiruuf, hunna Waaqaatiin eegantanee jirtanuuf te'a.
1PE 1:6 Amma yennaa gabaaddu'uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada'a.
1PE 1:7 Worqiin badduuyyuu, ibiddaan haga ilaallatanti; dhugeeffannaan teessan ammoo ta worqii caalaa gatii guddo'oo, ta dhuga'aa te'uu isi'ii mirkaneessiisaaf ilaallachaan tun isin dhaqqaddi. Achiin duuba guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatu galata, ulfinnaa fi leelloo dhaggattan.
1PE 1:8 Isin isa dhagguu dhaddanulle isa hin jaalattan; isin amma isa dhagguu dhaddanulle, isatti dhugeeffattanee gammada gudda'aa fi ulfinna hagana jedhamee hin himanneen gammaddan.
1PE 1:9 Sababille fayyinna lubbuu teessanii, ka dhugeeffanna'aan eeggattanu fudhattan.
1PE 1:10 Raagoti badhaadha Waaqi isiniif kennu kana raagane, fayyinna kana akka maltetti qoranna'aa fi qu'annaa godhaneeran.
1PE 1:11 Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, rakkoo Kiristoos dhaqqadduu fi saniin duubatti ulfinna inni dhaggatu dursee waan isaanitti beessiseeruuf, yennaan tun yoomii fi attam akka muummottu qorqoraa turane.
1PE 1:12 Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran.
1PE 1:13 Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheessa'a; worra ifi qabatu te'a'a; addii teessan guutuma guutu'utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha'a.
1PE 1:14 Akka ijoollee ajajantuu te'aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hordofina'a.
1PE 1:15 Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te'e, isinille waan gootanu duudi'iin woyyuu te'a'a.
1PE 1:16 Barreeffam Woyyichi, «Ani woyyuu waan te'eef isinille woyyuu te'a'a» jedha.
1PE 1:17 Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru «Abbaa» jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma'aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le'a'a.
1PE 1:18 Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woy hin baane, waan badu ka akka meeti'iin yookiin worqi'iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan.
1PE 1:19 Isin dhiiga Kiristoosii, ka gatii guddo'oo, ka akka dhiiga korbeessa komi'ii fi dhidhuu hin qanneetiin wodantaneertan.
1PE 1:20 Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan fowamee, bara muumme'eetitti isiniif jedhee mudhifame.
1PE 1:21 Isin karaa isaatiin, Waaqa isa du'a keessaa kaasee ulfinna isaa kenne dhugeeffattane; maarre tanaaf dhugeeffanna'aa fi addiin teessan Waaqatti godhattane.
1PE 1:22 Isin dhuga'aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jaalala dhuga'aatiin jaalattaneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa'aa wol jaaladha'a.
1PE 1:23 Isin karaa jecha Waaqaa jiraata'aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te'in sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan.
1PE 1:24 Sababille Barreeffam Woyyichi «Nami foon uffate duudiin akka marraa ti; ulfinni isaalle akka daraaraa badda'aa ti; marri hin qoora; daraaraalle hin harca'a.
1PE 1:25 Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le'a. Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana» hin jedha.
1PE 2:1 Yoona hammeenna duudii, maltummaa duudii, kijibummaa, hinaaffa'aa fi hamii duudii irraa ifi fageessa'a.
1PE 2:2 Akkuma daa'immaan reef dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin dharra'a'a.
1PE 2:3 Isin akka Goottaan arjaa te'e waan beettaneertanuuf tana hin gootan.
1PE 2:4 Maarre gara dhakaa jiraata'aa, gara Goottaa Yesuusii dhikaadha'a; Inni dhakaa namaan tuffatamee Waaqaan filatamee gatii guddoo qabu.
1PE 2:5 Isin hayyoota woyyuu te'uuf, ciincaa ayyaanaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa duratti fudhatama qabu dhikeessiisaaf, akka dhakaa jiraata'aa ijaarsa galma ayyaanaatiif te'a'a.
1PE 2:6 Barreeffam Woyyichi, «Kunoo, dhakaa roga ijaarsaa ka filatamee fi ka gatii guddo'oo qachaa Xiyoonii keessatti hin dhaaba; nami isatti dhugeeffattu tokkolle hin qaanowu» jedha.
1PE 2:7 Isin worra dhugeeffattanuuf dhakaan kun dhakaa gatii guddo'ooti; worra hin dhugeeffanneef ammoo, «Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e» jedha.
1PE 2:8 Akkasuma Barreeffami Woyyichi dhibiin, «Dhakaan nama gufachiisu, rassaa nama jissu hin te'a» jedha. Isaan Jecha Waaqaatiif waan ajajamuu dhabaneef hin gufatan. Kun duraanuu waan isaaniif yaadameeru.
1PE 2:9 Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti'ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame.
1PE 2:10 Tanaan qara isin kolbaa Waaqaatii moti; amma ammoo kolbaa isaa ti; tanaan qara isin marartii Waaqaa hin dhagganne, amma ammoo marartii isaa dhaggattaneertan.
1PE 2:11 Obboleeyyan tiyya! Biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa irra leetanu tana keessatti, halchaa foonii ta lubbuu teessan aatu irraa akka fagaattanu isin magannifadha.
1PE 2:12 Worri Yihudoota hin te'in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka'atti amala dansa'aan le'a'a.
1PE 2:13 Gootta'aaf jedha'aatii lafa tanatti worra baallii qabu maraaf: mootii moototaa ka baallii ol aantuu qabuuf,
1PE 2:14 yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama'a.
1PE 2:15 Sababille Waaqi akka isin waan dansaa hujaa, haasowa worra gowwoole'ee afaan qabachiittanu barbaada.
1PE 2:16 Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te'aatii le'aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu'uu hin godhatina'a.
1PE 2:17 Nama duudii ulfeessa'a; dhugeeffattoota jaaladha'a; Waaqa sodaadha'a; mootii ulfeessa'a.
1PE 2:18 Isin worri garbooleen goottota teessaniif ulfinnaan ajajama'a; goottota dansa'aa fi qajeelota calla'aaf adoo hin te'in, hamaaleyyi'iifille ulfinnaan ajajama'a.
1PE 2:19 Waaqaaf jettanee, rakkoo sababa malee isin dhaqqaddu yoo ossitane, inni isin hin eebbisa.
1PE 2:20 Hantuu gootaneef dikantanee yoo ossitane, galata maan qaddan ree? Ammoo dansaa gootanee rakkoo fudhattanee yoo ossitane, Waaqi isin hin eebbisa.
1PE 2:21 Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te'e.
1PE 2:22 Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane.
1PE 2:23 Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne.
1PE 2:24 Akka nuuti cubbu'uuf duunee balchumma'aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba'ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan.
1PE 2:25 Isin akka hoolee karaa irraa baddee joonjaa turtane; amma ammoo gara tisse'ee fi eegaa lubbuu teessanii deebitaneertan.
1PE 3:1 Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji'amanee dhugeeffatan fa'a te'a, isaaniif ajajama'a.
1PE 3:2 Sababille isaan qulqullumma'aa fi amala dansaa keessan yennaa dhaggane tana godhan.
1PE 3:3 Shaggummaan teessan waan alaan mudhatuun mataa dhowatiisaan, worqii naqatiisaan, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisaan ifi seefatiisaan hin te'in.
1PE 3:4 Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela'aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te'e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te'uu ti.
1PE 3:5 Bara durii haadhotiin manaa ta woyyoonte, ta addii ifii Waaqatti godhatte, abbootii manaa ifiitiif ajajamaa ifi seefatteerti.
1PE 3:6 Isaan akkuma Saaraan Abrahaamiin, «Goottaa kiyya» jedhaa ajajanteef ajajamane. Isinille amma dansaa godhaa waan tokkolle yoo sodaatuu dhaddane ijoollee isi'ii ti.
1PE 3:7 Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu'uu isi'iif beeka'aatii woliin le'a'a; ulfinna isaaniif kenna'a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru'uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te'aa hin jiraattu.
1PE 3:8 Muummee irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala'a; woliif dhiiga'a; akka obboleeyyanii wol jaaladha'a; arjoole'ee fi worra ifi gad qabu te'a'a.
1PE 3:9 Eebbisa'a malee, hammeenna hammeennaan, arraba arrabaan hin deebisina'a; sababille isin waan akkasii kana godhiisaan eebba akka dhaaltanuuf waammantane.
1PE 3:10 Barreeffam Woyyichi, «Nami jiruu barbaaduu fi bara dansaa dhagguu fedhu, arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa, hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti.
1PE 3:11 Inni hammeenna irraa garagalee dansaa godhuu ti. Nageya barbaaduu ti; hordofatuutille'e.
1PE 3:12 Ilti Gootta'aa gara worra balchootaa ilaalti; gurri isaalle daadimata isaanii hin dhage'a; worra hantuu godhutti ammoo nyaara guura» jedha.
1PE 3:13 Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu?
1PE 3:14 Waan dansaa hujiisaan rakkoo yoo fudhattanelle eebba hin dhaggattan; sossodaachisiisa namaa hin sodaatina'a; hin raafaminaalle'e.
1PE 3:15 Kiristoos ammoo akka Gootta'aatitti adda baasa'aatii ulfeessa'a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te'a'a.
1PE 3:16 Ammoo deebiin teessan qajeelumma'aa fi kabajja'aan teetuu ti. Ka Kiristoosii waan teetaneef, amala dansaa keessan worri hammeessee dubbatu hantuu dubbataneen akka qaanowanu wodanaa dansaa qabaadha'a.
1PE 3:17 Yoo fedha Waaqaa te'e, hantuu hujiisaan rakkinna fudhatu'uu mannaa, waan dansaa hujaa rakkinna fudhatuu woyya.
1PE 3:18 Kiristoos gara Waaqaa nu dhikeessiisaaf jedhee, adoo balchaa te'ee jiruu, nu worra balchummaa hin qanneef sababa cubbuu teennaatiif, yennaa maraaf yennaa takkatuu du'e. Inni fooniin du'ee ayyaanaan ammoo jiraataa te'e.
1PE 3:19 Inni Ayyaanuma saniin dhaqee ayyaanota mana hidhaa keessa jiranuuf lallabe.
1PE 3:20 Ayyaanoti mana hidha'aa keessa jiranu sun, bara Nohi hoboloo guddittii ijaarrate adoo Waaqi ossataan isaan eegiisatti jiruu worra ajajama didane. Worri bisaan badi'ii irraa hafe, nama saddeet ka hoboloo guddittii keessa seene qofa.
1PE 3:21 Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te'in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du'aa fi ka'a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.
1PE 3:22 Kiristoos amma gara ol gubba'aa dhaqee maddii midda Waaqa Abba'aatitti tee'eera; ergantooti Waaqaa, worri baallii qabuu fi hunnooti, baallii isaa jala jiran.
1PE 4:1 Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha'a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera.
1PE 4:2 Haganaa achi bara le'ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te'in akka fedhii Waaqaa le'uu qaba.
1PE 4:3 Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudoota hin te'in huju: baalagumma'aan, halchaa baddu'uun, machi'iin, akka malee nyaataa caaqu'uun, akka malee uniisaa fi waaqonfannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu'uun dabarsitane hin geya.
1PE 4:4 Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan.
1PE 4:5 Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du'etti muriisaaf qophoweef, deebii mataa ifii hin kennan.
1PE 4:6 Tanaaf Oduun Gammadaa worra du'anelle'eef lallabante; akka kanaan akkuma nama maratti murante nafa isaaniititti hin muranti; ayyaanaan ammoo akka Waaqi jiraatutti jiraatan.
1PE 4:7 Muummeen waan maraa dhikaatteerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te'a'a.
1PE 4:8 Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha'a.
1PE 4:9 Adoo hin gungumin keessummummaa wol fudhadha'a.
1PE 4:10 Akka toowataa addatamaa kennansa Waaqaa ka adda addaa hujii irra oolchu tokkoo, tokko tokkoon keessan kennansa adda addaa ka Waaqa irraa fudhataneen wol tajaajila'a.
1PE 4:11 Nami lallabu akka Jecha Waaqaatitti lallabuu ti; ka tajaajilu hunna Waaqi isaaf kenneen tajaajiluu ti; maarre Waaqi waan duudi'iin karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateeffama. Isaaf ulfinnii fi hunni baraa haga bara baraatitti te'u! Ameen.
1PE 4:12 Obboleeyyan tiyya! Rakkoon jadduun ta akka ibiddaa guddu haga isin ilaaliisaaf yoo isin dhaqqadde, wonni teetee hin beenne akka isin irra dhaqqaddeetitti hin baaseffatina'a.
1PE 4:13 Addee akkasii yennaa Kiristoos ulfinna ifiitiin mudhatu gammadi keessan guddaa akka te'u, rakkoo isaa worra qoodamu waan teetaneef gammada'a.
1PE 4:14 Maqaa Kiristoosiitiif yoo arraffantane, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Waaqaa waan isin irratti foorfatuuf isin worra badhaadhe.
1PE 4:15 Isin keessaa nami rakkoo fudhatu tokko, nama ijjeesee yookiin hatee yookiin yakkee yookiin waan isa hin galchine keessa galiisaan rakkoo hin fudhatin.
1PE 4:16 Kiristaana waan te'eef nami rakkinna fudhatu yoo jiraate, marroo maqaa Kiristoosiitiif Waaqa galateeffatuu ti malee, hin fokkifatin.
1PE 4:17 Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, muummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te'itti ree?
1PE 4:18 Barreeffam Woyyichi, «Nami balchaanuu eega rakko'oon fayyu teete, nami Waaqa malee jiraatuu fi cubbamaan attam te'uu jira ree?» jedha.
1PE 4:19 Maarre worri akka fedha Waaqaatitti rakkatu, ifi Abbaa dadaa addatama'atti magannee kennatee, waan dansaa ittuma hujuu ti.
1PE 5:1 Ani akkuma isaanii jaarsi wolde'a Kiristaanaa, dhugaa bayaan rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uu jiru ka qoodamu, jaarsolee wolde'a kiristaanaa ta wodhakkaa teessan jirtu gorsa.
1PE 5:2 Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te'in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa'a; bu'aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te'in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te'uu ti.
1PE 5:3 Akkasuma hoolee saniif fakkeenna te'iisaan malee, hoolee tika keessan jala jirtu irratti goottomiisaan hin te'in.
1PE 5:4 Yennaa tisseen guddaan mudhatu, kallacha ulfinnaa ka ijjumaa hin banne hin fudhattan.
1PE 5:5 Akkasuma isin dargaggooti jaarsole'eef ajajama'a. Isin martinuu ifi gad qabiisa akka woya'aa uffadha'aatii wol tajaajila'a. Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma; worra gad ifi qabuuf ammoo badhaadha hin kenna» jedha.
1PE 5:6 Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba'a.
1PE 5:7 Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata'a.
1PE 5:8 Gumeeffadha'a; dammaqa'a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama.
1PE 5:9 Obboleeyyan teessan ta biyya lafaa duudii keessa jirtu, rakkoo akkasii akka fudhatu beeka'aatii, dhugeeffanna'atti jabaadha'aatii Seexana morma'a.
1PE 5:10 Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa.
1PE 5:11 Hunni bara baraa haga bara baraa isaaf teetu! Ameen.
1PE 5:12 Ani karaa Silwaanosii akka dhugeeffataa addatama'aatitti laakkowuutiin ergaa gabaadduu tana isiniif barreesseera; ani isin gorsiisaa fi kun badhaadha Waaqaa dhugicha akka te'e dhugaa bayiisaaf jedhee barreesse. Badhaadha Waaqaa kanatti jabaadha'aa dhaabbadha'a.
1PE 5:13 Wolde'i kiristaanaa ka biyya Baabilonii keessa jiru, ka akkuma keessan filame nageya isinii dhaama; ilmi kiyya Maarqoosille nageya isinii dhaama.
1PE 5:14 Jaalala kiristaanumma'aatiin wol sunqataa nageya wol fuudha'a. Nageenni isin worra ka Kiristoosii teetane maraaf te'u.
2PE 1:1 Ana Simoon Pheexroosii, tajaajila'aa fi ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa: Worra karaa balchummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, dhugeeffannaa gatii guddo'oo, tama akka nuuti dhaggannee dhaggattaneef:
2PE 1:2 Waaqaa fi Goottaa Keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, badhaadhaa fi nageenni isiniif fakkanu.
2PE 1:3 Waaqa ulfinnaa fi dansummaa ifiitiin nu waame beekiisaan, hunni Waaqummaa isaa, waan jiruu teennaa fi ayyaantummaa dhuga'aatiif nuu barbaachisu duudii kenniteerti.
2PE 1:4 Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda'aatii fi ka gatii gudda'aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu'uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma'aa worra qoodamu teetaneertan.
2PE 1:5 Sababa kanaaf, dhugeeffannaa irratti dansummaan akka dabalantu, dansummaa irratti beekkumsa,
2PE 1:6 beekkumsa irratti ifi qabatiisa, ifi qabatiisa irratti ciniinnatanee ossiisa, ciniinnatanee ossiisa irratti nama Waaqaa te'iisa,
2PE 1:7 nama Waaqaa te'iisa irratti, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa irratti jaalala nama maraa qabaadha'a.
2PE 1:8 Wonni kun isin keessa jiraattee heddataa yoo deente, Goottaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, akka isin worra woy hin baanee fi midhaan hin buunne akka hin teene isin hin eega.
2PE 1:9 Nami waan kana hin qanne ammoo, nama fagoo hin dhagginee fi balla'a; inni cubbuu durii irraa qulloomuu ifii dedheera.
2PE 1:10 Tanaaf obboleeyyan tiyya! Waamamiisaa fi filamiisa keessan mirkaneessiisaaf, worra caalchittanee dharraatanu te'a'a; tana yoo gootane dhugeeffannaa teessan irraa ijjumaa hin jiddanu.
2PE 1:11 Akka kanaan, gara mootummaa Goottaa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta bara baraatitti akka galtanu middi guutuun isiniif hin kennama.
2PE 1:12 Maarre isin amma waan kana beettanee, dhugaa qabattaneen jabaattanee jiraattanulle, ani yennaa maraa waan kana isin yaadachisiisa hin lakkisu.
2PE 1:13 Ani haga jiruu keessummumma'aa tanaan jiru, yaada keessan dammassuun kiyya sirrii te'ee natti mudhata.
2PE 1:14 Sababille Goottaan keenna Yesuus Kiristoos akka natti mudhisetti jiruu lafa tanaa dafee lakkisee akka deemu hin beeka.
2PE 1:15 Ani deemeen duubale'etti, waan kana duudii akka isin yennaa mara qaabattanu godhu'uuf hin jabaadha.
2PE 1:16 Nuuti hunnaa fi deebi'ee dhufiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii yennaa isinitti beessinne, guddinna isaa iluma teennaan dhaggineeti malee, mammaassa beekkumsa namaatiin dadame irratti hundoonneetii moti.
2PE 1:17 Inni qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, ani isatti guddoo gammadeera» jettu ulfinna gudda'aan yennaa dhutte, Waaqa Abbaa irraa guddinnaa fi ulfinna fudhateera.
2PE 1:18 Yennaa isa woliin gaara woyyicha gubbaa jirru, nuutinuu qoonqoon tun ol-gubbaa irraa dhuttuun dhageenneerra.
2PE 1:19 Maarre dubbiin raagoti dubbatane irra caalaa nuu mirkanootteerti. Isin haga boruun dayya'ee bakkalchi ganamaa gadhaa keessan keessatti bawutti, dubbii tana akka ifa addee dukkanaatitti ifuuf xiyyeeffannaa kennitanu, dubbii raagoti dubbatte tanaaf yoo xiyyeeffannaa kennitane dansaa gootan.
2PE 1:20 Waan duudi'iin dura, dubbii raagaa ta Barreeffama Woyyicha keessa jirtu, eennulle yaada ifiitiin hiikiisaaf akka hin dandeenne hubatuu qaddan.
2PE 1:21 Sababille dubbiin raagaa worra Ayyaana Woyyichaan sooreffameen Waaqa irraa dhutte malee, ijjumaa fedha namaatiin hin dhunne.
2PE 2:1 Akkuma tanaan qara raagoti dharaa kolbaa oddu'utti ka'ane, barsiisoti dharaa isin oddu'utti hin ka'an. Isaan akka barsiisi dharaa ka badii fidu dhokaataan babadhatu godhan; Goottaa isaan wodelle mormatanee, badii ariifattuu ifi irratti fidan.
2PE 2:2 Namooti hedduun karaa isaanii fokkisiisaa hordofan; waan isaan godhanuun ta kaate karaan dhuga'aa hin arraffama.
2PE 2:3 Barsiisoti dharaa tun joljolummaa ifiitiin mammaassa ifuma keessaa fuudhaa dubbataa isin irraa nyaatan. Muraan bara duriitiin jalqaddee isaanii qophootteerti. Badiin isaaniille rattee hin jirtu!
2PE 2:4 Waaqi yennaa ergantooti isaatuu cubbuu hujane, isaan gad darbatee, boolla qilee dukkanaa keessatti wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, guyyaa mura'aatiif akka eegamanu godhe malee, isaan hin mararre.
2PE 2:5 Akkasuma, Inni biyya lafaa ta durii, ta namoota Waaqa malee le'anuu irratti bisaan badi'ii fidee, Nohii waan balchumma'aa lallabe qofa, namoota dhibii torba woliin hambure malee, isii hin mararre.
2PE 2:6 Waaqi waan worra Waaqa malee le'u irratti dhufuuf akka fakkeenna te'uuf, qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aatitti muree ibiddaan balleessee daadhaa godhe.
2PE 2:7 Inni Looxii balchicha, hujii fokkisiittu worra seera malee le'uutiin farraa le'u ammoo hambureera.
2PE 2:8 Namichi balchaan sun yennaa odduu isaanii le'u hujii isaanii ta seera male'ee, ta dhagguu fi dhage'uun guyyuma guyya'aan lubbuun isaa balchittiin farraa turte.
2PE 2:9 Maarre Goottaan, namoota Waaqaa haga ilaalcha jalaa attam akka baasu, worra jalloota ammoo haga guyyaa mura'aatitti attam akka adabama jala tursu hin beeka;
2PE 2:10 keessumattuu worra halchaa badduu fedha foon ifii hordofuu fi worra baallii Waaqaa jibbu guyyaa mura'aatiif eega. Barsiisoti dharaa tun worra sodaan keessa hin jirree fi koorameeyyii waan te'aneef, dada ulfinnaa ta ol-gubba'aa hin arrassan malee hin ulfeessanu.
2PE 2:11 Ergantooti Waaqaa, barsiisota dharaa tana caalaa hunnaa fi baallii qabaatanulle, Goottaa duratti dubbii arrabaatiin isaan hin himatanu.
2PE 2:12 Barsiisoti dharaa tun ammoo waan ifiif hubatuu dadhabane arrassan; isaan akka bineensa duuddittii le'uutii fi yaadee wo gargar hin baannee, ka qabamu'uu fi ijjeefamu'uuf dhalatee ti; akkuma bineensi sun badu, isaaniille ijjumaa hin badan.
2PE 2:13 Isaan hantuu tolchaneef hantuu dhaggatan. Isaan ila guyya'aatiin halchaa nafa ifii guutatiisaaf waanuma fedhane godhaa gammadan; yennaa nyaataaf isin woliin waamamane, isaan worra hujii isaanii maltitti'iin fokkisiisuu fi qaanessu.
2PE 2:14 Iltii isaanii yennaa duudii halcha'aan gara gaarayyeeffataa ilaalti; halchaan isaaniille cubbuu hujiisa irraa dheebuu hin baatu. Namoota dadhaboolee wollaalchisanee tiyyoo ifiititti galfatan. Qalbiin isaanii joljoliisa baratteerti. Isaan abaarsa Waaqaa jala jiran!
2PE 2:15 Isaan karaa qajeelaa dhiisanee, karaa Bala'aamii ilma Be'orii ka waan hantuu hujiisaan beesee dhaggantu jaalatuu faana goranee dokonkoraneeran.
2PE 2:16 Inni ammoo yakkaa ifiitiif xixame. Harreen dubbatuu hin dandeenne qoonqoo namaatiin dubbattee maraattummaa raagichaa dhooggiteerti.
2PE 2:17 Worri akkanaa kun akka bisaan madda gogeetii fi duumensa bubbe'een oofamuu ti; dukkanti dimmille isaan eegatti.
2PE 2:18 Isaan ifi saadaa dubbii gara hin qannelle dubbatiisaaf, halchaa badduu fedha fooniitiin, worra dokonkora keessa le'anu keessaa reefuu baqatanee dhufane sossobaa tiyyoo ifii keessatti galchan.
2PE 2:19 Adoo ifiifuu garbummaa badi'ii jala jiranuu, worra kaaniin ammoo bilisa baatan jedhaa, addii kennaniif; sababille nami tokko waan isaaf goottome maraaf garba.
2PE 2:20 Goottaa keennaa fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, battummaa biyya lafaa jalaa bayaneen duuba, deebi'anee itti qabamanee yoo mowamane, akki isaan itti le'anu ka duubaa ka duraa caalaa itti hammaata.
2PE 2:21 Karaa balchumma'aa beekaneen duuba, ajaja woyyicha isaaniif kenname beekanee, addee irraa deebi'anu adoo duruu beekuu dhabanee woyya.
2PE 2:22 Mammaassi dhugichi, «Sareen diddiga ifiitittuu deebiti» jedhu, akkasuma «Booyyeen dhiqatte dhoqqee keessatti gangalatiisaaf deebiti» jedhu isaan irratti te'eera.
2PE 3:1 Jaalota tiyya! Ergaan ani amma isiniif barreessiisatti jiru tun, ta lammeesso'oo ti. Waan kana qaabatiisaan yaada qajeelaa akka qabaattanuuf, isin kakkaasiisaaf jedhee, ergaa lamaanuu isiniif barreesse.
2PE 3:2 Kanaan dura jechoota raagoti dubbatanee fi ajaja Gootta'aa fi Fayyisaa keennaa, ka karaa ergantoota isin tajaajiltuutiin kenname akka qaabattanu barbaada.
2PE 3:3 Waan duudi'iin qara, guyyoota muumme'eetitti worri shasheessuu fi worri halchaa badduu ifii hordofu shasheessaa akka dhufu hubatuu qaddan.
2PE 3:4 Isaan, «Yesuus deebi'ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meet ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!» jedhan.
2PE 3:5 Isaan akka bara heddu'uun duratti, ol-gubbaan jecha Waaqaatiin dadantee fi akka latti bisaan irraa fi bisaaniin hujante adoo beekanu akka hin beennee te'an.
2PE 3:6 Biyyi lafaa ta yennaa san jirtulle, bisaaniin liqinfantee badde.
2PE 3:7 Ol-gubba'aa fi latti amma jirtu tun ammoo, akka ibiddaan badanuuf, haga guyyaan mura'aatii fi badiin worra Waaqa malee le'uu geettutti, jechuma kanaan eegaman.
2PE 3:8 Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina'a! Goottaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kum akka guyyaa tokkoo ti.
2PE 3:9 Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
2PE 3:10 Guyyaan Gootta'aa ammoo akka hattu'uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo'oon dhidhinti; dadi ol-gubba'aalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi.
2PE 3:11 Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le'iisaaf maltane ree? Isin woyyumma'aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le'iisa qaddan.
2PE 3:12 Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra'aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te'a'a. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadi marti o'aan hin baxxi.
2PE 3:13 Nuuti ammoo akkuma inni waadaa nu'uuf galetti, ol-gubbaa haareya, addee hujiin balchumma'aa itti hundeefantu san hin eeganna.
2PE 3:14 Tanaaf jaalota tiyya! Waan kana adoo eegattanuu, fuula Waaqaa duratti worra xuri'ii fi komii hin qanne teetanee jirtanuun, akka nageyaan isin dhaggu jabaadha'aa le'a'a.
2PE 3:15 Ossiis Goottaa keennaalle akka isin fayyitanuuf akka te'e beeka'a! Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phawuloosille qaruu Waaqi isaaf kenneen tanuma isiniif barreesse.
2PE 3:16 Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergaa isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala'aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan.
2PE 3:17 Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye'eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha'a.
2PE 3:18 Ammoo badhaadhaa fi beekkuma Gootta'aa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ittuma guddadha'a. Ammaa fi haga bara baraa ulfinni isaaf te'u! Ameen.
1JO 1:1 Marroo jecha jiru'uu ka jalqabaa jalqabee jiruu, ka gurra keennaan dhageenne, ka ila teennaan dhaggine, ka ilaallee fi ka harka keennaan qaqqannee isiniif barreessina.
1JO 1:2 Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu'utti mudhifante tana isinitti hinna.
1JO 1:3 Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin.
1JO 1:4 Gammadi keenna guutuu akka te'uuf tana barreessina.
1JO 1:5 Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, «Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu» ta jettu tana.
1JO 1:6 Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu.
1JO 1:7 Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.
1JO 1:8 Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu.
1JO 1:9 Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama'aa fi qajeelaa waan te'eef cubbuu teenna nu'uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle'ee nu hin qulleessa.
1JO 1:10 Nuuti cubbuu hunyee hin jirru yoo jenne, Waaqa dharaamessa goona; jechi isaalle nu keessa hin jiru.
1JO 2:1 Ijoollee, akka isin cubbuu hin hunyeef tana isiniif barreessa; eennulle cubbuu yoo huje ammoo, wobii Abbaa biraa qanna; innille Yesuus Kiristoosii balchicha.
1JO 2:2 Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi'iif malee, cubbuu teenna calla'aaf moti.
1JO 2:3 Yoo ajaja isaatiif ajajanne, Waaqa beekiisa keenna hin beenna.
1JO 2:4 Nami, «Ani isa beeka» jedhaa, ajaja isaatiif hin ajajanne dharaamessa; dhugaalle isa keessa hin jirtu.
1JO 2:5 Nami jecha Waaqaatiif ajajamu ammoo, jaalaltiin inni Waaqaaf qabu guutu'u. Isaan jiraatuu keenna tanaan beenna.
1JO 2:6 Nami «Waaqaan jiraadha» jedhu, akka Yesuus le'e le'uu qaba.
1JO 2:7 Jaalota tiyya! Ani ka isiniif barreessaaru, ajajuma dullacha dur jalqabaa jalqaddanee isin qaddanu san malee, ajaja haareyaa moti. Ajaji dullachi jechuma isin dhageettane.
1JO 2:8 Te'uu malee, dukkanti dabariisatti, ifi dhugichi ifiisatti waan jiruuf, Kiristoosii fi isin biratti dhugaa ka te'e, ajaja haareya isiniif barreessa.
1JO 2:9 Nami, «Ani ifa keessa jira» jedhaa obboleessa ifii jibbu, ammalle dukkanuma keessa jira.
1JO 2:10 Nami obboleessa ifii jaalatu ifa keessa le'a; wonni nama gufachiisulle isa keessa hin jiru.
1JO 2:11 Nami obboleessa ifii jibbu ammoo dukkana keessa le'a, dukkana keessa ideema, dukkantille ila isaa waan qaddeef gara itti ideemiisatti jiruuyyu hin beeku.
1JO 2:12 Ijoolle! Cubbuu teessaniif maqaa Kiristoosiitiin araarri waan kennameef isiniif barreessa.
1JO 2:13 Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneertanuuf isiniif barreessa. Dargaggoota! Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
1JO 2:14 Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
1JO 2:15 Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaalatina'a; nama biyya lafaa jaalatu, jaalaltiin Waaqa Abba'aa isa keessa hin jirtu.
1JO 2:16 Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.
1JO 2:17 Biyyi lafaatii fi halchaan isi'ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muummessu ammoo haga bara baraa le'a.
1JO 2:18 Ijoolle! Saatiin tun ta muumme'ee ti. Ka Kiristoos mormu akka dhufu kanaan duraa dhageettaneertan; ammumaayyuu worri Kiristoos mormu hedduun dhufeera. Maarre akka saatiin muumme'ee geette nuuti tanaan beenna.
1JO 2:19 Isaan nu keessaa bayane malee, keennaa moti; adoo keenna te'anee sila nu'uma woliin jiraataniiyyu. Isaan ammoo nu lakkisanee deemiisaan keenna te'uu dhabuu isaanii mudhisane.
1JO 2:20 Isin ammoo Kiristoos Ayyaana Woyyichaan muudeera; waan maraa isin martinuu hin beettan.
1JO 2:21 Isin dhugaa beekuu dhaddaneef adoo hin te'in, dhuga'aa fi dhugaa keessaa dharti akka hin baane waan beettanuuf isiniif barreessa.
1JO 2:22 Yesuus Masiihii moti jedhee ka mormatu malee, dharaamessi eennu ree? Ka Abba'aa fi Ilma mormatu kun mormattuu Kiristoosii ti.
1JO 2:23 Nami Ilma mormatu Abbaa hin fudhatu; nami Ilma dhugeessu Abbaalle hin dhugeessa.
1JO 2:24 Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa jiraattuu ti! Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa yoo jiraatte, isinille Ilmaa fi Abba'aan hin jiraattan.
1JO 2:25 Addiin inni nu'uuf kenne tun jiruu bara baraa ti.
1JO 2:26 Marroo worra isin dokonkorsuutiif, ani tana isiniif barreessa.
1JO 2:27 Ayyaanni isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga'a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha'a!
1JO 2:28 Yoona, ijoolle! Yennaa Kiristoos mudhatu sodaa malee akka jiraannuu fi guyyaa dhufa isaa akka hin fokkifanne isaan jiraadha'a!
1JO 2:29 Akka inni balchaa te'e yoo beettane, nami balchummaa huju maraa ilma Waaqaa akka te'e hin beettan.
1JO 3:1 Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala'a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
1JO 3:2 Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.
1JO 3:3 Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
1JO 3:4 Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka.
1JO 3:5 Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan.
1JO 3:6 Nami Kiristoosiin le'u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne.
1JO 3:7 Ijoolle! Eennulle me isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te'e, nami balchummaa huju balcha'a.
1JO 3:8 Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.
1JO 3:9 Nami Waaqa irraa dhalate adabi Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande'u.
1JO 3:10 Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaalanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman.
1JO 3:11 Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaalatuu qanna» ta jettu tana.
1JO 3:12 Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeese.
1JO 3:13 Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina'a!
1JO 3:14 Nuuti obboleeyyan teenna waan jaalanuuf du'a keessaa gara jiru'uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaalane du'a keessatti hafa.
1JO 3:15 Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeese; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan.
1JO 3:16 Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
1JO 3:17 Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree?
1JO 3:18 Ijoolle! Dubbi'iin yookiin afaan calla'aan adoo hin te'in, huji'ii fi dhuga'aan wol jaalannuu ti.
1JO 3:19 Nuuti ka dhuga'aa te'uu keennaa fi fuula Waaqaa dura ifi-addi'iin dhikaatu'uuf akka dandeennu tanaan beenna.
1JO 3:20 Yennaa wodanaan keenna nutti muru maraa, Waaqi wodanaa keenna waan caaluuf, waan maraa beeka.
1JO 3:21 Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna.
1JO 3:22 Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna.
1JO 3:23 Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaalannu.
1JO 3:24 Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.
1JO 4:1 Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina'a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa'aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a.
1JO 4:2 Ayyaana Waaqaa kanaan beettan: Ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugeessu maraa ka Waaqaa ti;
1JO 4:3 ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin dhugeessine maraa ka Waaqaatii moti; inniin kun ka akka inni dhufu isin dhageettane, ayyaana Kiristoos mormu. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.
1JO 4:4 Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan.
1JO 4:5 Raagoti dharaameyyiin ka biyya lafaa waan te'aneef, waan biyya lafaa dubbatan, biyyi lafaalle isaan dhageetti.
1JO 4:6 Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage'a; nami ka Waaqaa hin te'in mara ammoo nu hin dhage'u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna.
1JO 4:7 Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa'a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka.
1JO 4:8 Waaqi jaalala waan te'eef nami hin jaalanne maraa, Waaqa hin beeku.
1JO 4:9 Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu'uuf mudhise.
1JO 4:10 Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma'aa akka te'uuf erge.
1JO 4:11 Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaalate, nuutille wol jaalatuu qanna.
1JO 4:12 Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaalanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalaltiin isaalle nu keessatti guutuu teeti.
1JO 4:13 Inni Ayyaana ifii irraa waan nu'uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna.
1JO 4:14 Abbaan Ilma ifii Fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge nuuti dhaggineerra, dhugaalle hin baana.
1JO 4:15 Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata.
1JO 4:16 Nuuti jaalala Waaqi nu'uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra. Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.
1JO 4:17 Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le'e waan leeneef guyyaa mura'aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalaltiin Waaqaa nu keessatti guutanteerti.
1JO 4:18 Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu'uu moti.
1JO 4:19 Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna.
1JO 4:20 Eennulle «Ani Waaqa hin jaaladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaalanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaalatuu hin dande'u.
1JO 4:21 Nami Waaqa jaalatu, obboleessa ifiille jaalatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu'uuf kenneera.
1JO 5:1 Yesuus Masiihii akka te'e nami dhugeeffatu maraa ilma Waaqaa ti; nami Abbaa jaalatu, ilma isaalle hin jaalata.
1JO 5:2 Waaqa yennaa jaalannuu fi ajaja isaatiif ajajannu, ijoollee Waaqaa jaalachuu keenna tanaan beenna.
1JO 5:3 Waaqa jaalachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata'aa moti.
1JO 5:4 Sababille nami Ilma Waaqaa te'e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna.
1JO 5:5 Eentu biyya lafaa injifatuu dande'a? Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nama dhugeeffatu calla'atti biyya lafaa injifatuu dande'a.
1JO 5:6 Ka bisaan cuuphama isaa akeekuu fi dhiiga du'a isaa akeekuun dhufe kun Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee, bisaan calla'aan hin dhunne. Ayyaanni dhugaa waan te'eef, Ayyaanni ifiifuu tun dhugaa akka teete dhugaa baya.
1JO 5:7 Dhugaa baatoti sad jiran;
1JO 5:8 isaanille Ayyaana, bisaanii fi dhiiga; isaan sadiin kun wolii galan.
1JO 5:9 Nuuti dhugaa baya namaa hin dhugeeffanna; dhugaa bayiisi Waaqaa ammoo, tana caalti. Dhugaan Waaqaa tun ta inni Ilma ifiitiif dhugaa baye.
1JO 5:10 Nami Ilma Waaqaatitti dhugeeffatu, dhugaa baya tana ifi keessaa qaba; nami Waaqa hin dhugeeffanne ammoo, dhugaa baya Waaqi Ilma ifiitiif baye dhugeeffatiisa waan dhabeef, Waaqa dharaamessa godheera.
1JO 5:11 Dhugaan inni baye tana: Waaqi jiruu bara baraa nu'uuf kenneera, jiruun tun Ilma isaa keessa jirti.
1JO 5:12 Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu.
1JO 5:13 Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattanu, jiruu bara baraa akka qaddanu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa.
1JO 5:14 Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage'a.
1JO 5:15 Waan isa gaafannu mara akka inni nu'uu dhage'u yoo beenne, yennaa isa gaafannu mara akka fudhannu hin beenna.
1JO 5:16 Eennulle obboleessi isaa cubbuu du'atti [bara baraatitti] isa hin geessine hujuun yoo dhagge, isaaf daadimatuu ti. Waaqi jiruu bara baraa nama saniif hin kenna. Tun worra cubbuu du'a [bara baraatitti] isaan hin geessine hujane calla'aaf teeti. Cubbuun du'a [bara baraatitti] nama geessittu jirti, ta akkanaatiif daadimadhu isaan hin jedhu.
1JO 5:17 Balleessaan marti cubbu'u; ammoo cubbuun du'a [bara baraatitti] nama hin geessine jirti.
1JO 5:18 Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf hamaalessi isaan miidhu'uuf hin dande'u.
1JO 5:19 Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna.
1JO 5:20 Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu'uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dhugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana.
1JO 5:21 Ijoollee tiyya, waaqota dharaameyyii irraa ifi eeggadha'a!
2JO 1:1 Ana jaarsa biraa, giittittii filatantee fi ijoollee isi'iitiif: Ani dhugumaan isin jaaladha, na calla'aa moti, ammoo worri dhugaa beeku duudiinuu isin jaalata.
2JO 1:2 Sababille dhugaan nu keessa jirtu tun haga bara baraa nu woliin hin jiraatti.
2JO 1:3 Badhaadhi, arjumma'aa fi nageenni, Waaqa Abba'aa fi Yesuus Kiristoosii Ilma Abba'aa biraa, dhuga'aa fi jaalalaan nu woliin jiraatuu ti.
2JO 1:4 Akkuma Abbaan nu ajajetti, ijoollee teeti keessaa gariin dhuga'aan jiraatanuun dhaggiis guddoo na gammachiiseera.
2JO 1:5 Ammalle giitti'i! Akka wol jaalannuuf, ajaja jalqabaa jalqannee qannu san si yaadachiisiisaaf malee, ajaja haareya si'iif barreessiisaaf moti.
2JO 1:6 Jaalala jechuun ajaja Waaqaatiif ajajamiisaan le'iisa. Akkuma isin martinuu jalqabaa jalqaddanee dhageettane, ajaji isaa akka jaalalaan leetanu.
2JO 1:7 Akka Yesuus Kiristoos fooniin gara biyya lafaa dhufe worri dhugaa hin baanne, worri nama dokonkorsanu hedduun gara biyya lafaa bayaneeran. Eennulle nami akkasii nama nama dokonkorsuu fi nama Kiristoos mormu.
2JO 1:8 Gatii guutuu akka dhaggattanu malee, gatii waan hujjanee akka hin dhanne ifi eeggadha'a!
2JO 1:9 Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba'aa fi Ilma qaba.
2JO 1:10 Barsiisa kana adoo hin qabatin eennulle gara keessan yoo dhufe, mana keessanitti isa hin fudhatina'a! Nageyalle hin fuudhina'a!
2JO 1:11 Nami nageya isa fuudhu, hujii isaa hantuu san qoodama.
2JO 1:12 Waan isiniif barreessu waan hedduu qaba; te'uu malee woraqataa fi hallu'uun isiniif barreessiisaaf hin barbaadu; ammoo gammadi keenna guutuu akka te'uuf, gara keessan dhufee ilaan wol dhagginee, isin woliin haasowiisaaf addii qaba.
2JO 1:13 Ijoolleen obboleettii teeti filatantu'uu nageya si'iif dhaanti.
3JO 1:1 Ana jaarsa biraa: Jaala kiyya ka ani dhugumaan jaaladhuuf:
3JO 1:2 Jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si'iif tolu hin daadimadha.
3JO 1:3 Obboleeyyan gariin dhufanee dhuga'aaf addatamu'uu fi dhuga'aan jiraachuu keeti yennaa natti himane ani guddoo gammade.
3JO 1:4 Ijoolleen tiyya dhuga'aan jiraachuu isi'ii dhage'iisaan irra wonni na gammachiisu hin jiru.
3JO 1:5 Jaala kiyya! Obboleeyyan si'iif keessummaa haareya te'anulle, ati isaan addatamaan hin qarqaarta.
3JO 1:6 Isaanille marroo jaalala keetii wolde'a kiristaanaatitti himaneeran; karaa Waaqa gammachiisuun deemsa isaaniitiifille isaan qarqaartee yoo geegessite waan dansa'a.
3JO 1:7 Isaan Kiristoos tajaajiliisaaf yennaa bayane, worra dhugeeffattoota hin te'in irraa womaa hin fudhanne.
3JO 1:8 Nuuti hujii dhuga'aa tana worra qoodamu akka teenuuf namoota akkasii kana qarqaaruu qanna.
3JO 1:9 Ani wolde'a kiristaanaatiif xalayaa barreesseera; Diyotreefesiin sooressa te'iisaaf barbaadu ammoo yaada kiyya hin fudhanne.
3JO 1:10 Maarre ani yoo dhufe, dharaan nu hamataa hantuu inni hujaa ture maraa dubbadha; tunille isa gewuu dhaddee obboleeyyan fudhata dida. Worri dhibiille akka isaan hin fudhanne dhooggee, wolde'a kiristaanaa keessaa isaan baasa.
3JO 1:11 Jaala kiyya! Waan dansaa fakkaadhu malee waan hamaa hin fakkaatin. Nami waan dansaa huju ka Waaqaa ti; nami waan hamaa huju Waaqa hin dhaggine.
3JO 1:12 Nami maraa dansaa Demeexroosii dubbata; dhugaalle dansaa isaa dubbatti. Nuutille dansaa isaa hin dubbanna; dhugaa bayiisi keenna dhugaa akka teete ati hin beetta.
3JO 1:13 Waan si'iif barreessu waan hedduu qaba; ammoo feeni'ii fi hallu'uun si'iif barreessiisaaf hin barbaadu.
3JO 1:14 Dhiko'ottuu akka si dhaggu hin addadha; yennaa san ilaan wol dhagginee hin haasonna.
3JO 1:15 Nageenni si'iif te'u. Jaaloti teeti nageya si'iif dhaaman. Jaalota teennatti tokkuma tokkoon nageya nu'uuf himi.
JUD 1:1 Ana Yihudaa garbicha Yesuus Kiristoosii, obboleessa Yaaqoobii biraa: Isin worra waamantanee, Waaqa Abba'aan jaalatantanee, Yesuus Kiristoosiin tiffantaneef:
JUD 1:2 Marartiin, nageennii fi jaalalli isiniif fakkanu.
JUD 1:3 Jaalota tiyya! Marroo fayyinna woliin qoodannuu isiniif barreessiisaaf ani guddoo barbaadeeraayyu; amma ammoo marroo dhugeeffannaa yennaa takka'atti yennaa maraaf Waaqi kolbaa ifiitiif kennee, jabaattanee akka falmattanu isin gorsiisaaf barreessuun, barbaachisaa te'ee natti dhage'ameera.
JUD 1:4 Worri Waaqa hin sodaanne gariin, dhokaataan luuxanee wodhakkaa teenna seenaneeran. Isaan worra badhaadha Waaqa keennaa akka fedhane le'iisatti jijjiiranuu fi Yesuus Kiristoos callaan bulcha'aa fi Goottaa akka te'e mormanu. Akka isaanitti muramu yennaa heddu'uun duraa barreeffameera.
JUD 1:5 Waan kana maraa isin duruu beettan, te'uu malee, akka Goottaan kolbaa ifii biyya Gibxii keessaa baasee fayyisee fi worra isatti hin dhugeeffatinille duuba irra akka balleesse isin yaadachiisu'uuf barbaada.
JUD 1:6 Akkasuma ergantoota Waaqaa ta baallii isaanii kennante irra dabaranee, addee tee'anu gad lakkisane qaabadha'a! Waaqi wodaroo sibiilaa ta hidhaa bara baraatiin dukkana keessatti hidhee, haga guyyaa muraa guddo'oo isaan eegaa turseera.
JUD 1:7 Akkasuma worri qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa, worri qachoota adaala saniille sagaagaltuu te'anee, seera dadamaatiinille ala sagaagalane. Isaan worra ibidda bara baraatiin adabamiisaan rakkatuuf fakkeenna te'aneeran.
JUD 1:8 Akkasuma, worri kun oojjuu ifii hordofiisaan nafa ifii batteessan; baallii Waaqaalle hin tuffatan, worra ol-gubba'atti ulfinna qabulle hin arrassan.
JUD 1:9 Mikaa'eliin angafi ergantoota Waaqaatuu, yennaa reeffa Muuse'ee irratti Seexanaan wol mormane, «Goottaan si xixu» jedhe malee, arrassee itti muriisaaf itti hin gamne.
JUD 1:10 Namooti kun ammoo waanuma hin hubanne arrassan; akka bineensota wo yaadanee gargar hin baannee, wonni isaan duuddittii yaada dhalootaatiin beekanu kun waan isaan balleessu.
JUD 1:11 Isaaniif aanne'e! Isaan karaa Qaayiniititti goraneeran; adoo beese'eef joljolanuu dokonkora Bala'aamii keessa galaneeran; akkuma Qoraahii finqilanee badane.
JUD 1:12 Jarri tun fokkoo malee isin woliin nyaatiisaan jila jaalalaa keessan batteessan. Isaan gadhaa ifii calla'aaf yaadan; isaan akka duumensa bokkeya ifi keessaa hin qannee, ka qilleensaan oofamuu ti. Isaan akka muka yennaa midhaan buusu'uuf maletti midhaan buusuu dhabee, hiddaan buqqa'ee gogee killi jedhee ti.
JUD 1:13 Isaan akka danbalii abbaaya'aa, hoomacha fokkoo ifii hoomachowaa, akka urjii taattottee ta addeen dukkana duudduu bara baraa isi'ii qophoottee ti.
JUD 1:14 Addaamii jalqabee dhaloota torbeesso'oo ka te'e Heenoki, marroo namoota kanaatiif raagee, «Kunoo, Goottaan nama duudii irratti muriisaaf woyyoota ifii bindillaa woliin hin dhufa. Inni hujii badduu worri Waaqa hin sodaanne hujee fi dubbii arrabaa ta cubbaaleyyiin Waaqa hin sodaanne isa irratti dubbatte maraaf itti hin mura» jedhe.
JUD 1:16 Namooti kun yennaa mara worra gungumanuu fi worra namoota dhibii komatanu; isaan halchaa badduu ifii hordofan, ifi hin jajan, bu'aa ifiitiif jedhanee kolbaa sobanee saadan.
JUD 1:17 Jaalota tiyya, isin ammoo dubbii ergantooti Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii tanaan dura dubbatte qaabadha'a!
JUD 1:18 Isaan isiniin, «Bara muumme'eetitti worri Waaqa hin sodaanne worri halchaa badduu ifii hordofu, worri shasheessu hin dhufa» jedhaneeran.
JUD 1:19 Worri kun worra isin gargar qoodu, worra Ayyaana Woyyicha hin qanne, worra duuddittii halchaa ifii ta biyya lafaa gula yaa'u.
JUD 1:20 Jaalota tiyya, isin ammoo dhugeeffannaa teessan ta waan duudi'iin irra woyyittii teete irratti dhaabbadha'aatii jabaadha'a! Hunna Ayyaana Woyyichaatiin daadimadha'a!
JUD 1:21 Marartiin Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta gara jiruu bara baraatitti isin geessitu eeggataa, jaalala Waaqaa keessatti ifi eega'a!
JUD 1:22 Worra mama qabuuf marartii qabaadha'a!
JUD 1:23 Worra kaan ibidda keessaa buta'aa baasa'aatii hambura'a! Worra kaan worra uffanni isaanii foon cubbama'aan battowelle jibbaa, soda'aan marara'aaf!
JUD 1:24 Akka isin hin jinne isin tissiisaa fi komatama malee, gammadaan ulfinna ifii dura isin dhikeessiisaaf ka dande'u,
JUD 1:25 Waaqa fayyisaa keenna tokkochaaf, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, ulfinni, guddinni, hunnii fi baalliin bara durii mara duraan jalqabee, bara ammaatii fi haga bara baraa isaaf te'u! Ameen.
REV 1:1 Mudhiin Yesuus Kiristoosii, ta akka inni waan dafee te'uu qabu tajaajiltoota ifiititti mudhisuuf Waaqi itti kenne tana; Yesuusille ergamaa Waaqaa ergee tajaajilaa ifii Yohaannisitti waan kana beessise.
REV 1:2 Yohaannisille marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa baya Yesuusiitiif waan dhagge mara dhugaa baye.
REV 1:3 Barri waan dhiyaateeruuf, dubbii raagaa tana nami dubbisu, worri dhage'uu fi worri waan keessatti barreeffame eeggatu ka badhaadhe.
REV 1:4 Ani Yohaannis, wolde'oota kiristaanaa torba ka lafa Asiyaa keessa jirtanuuf: Badhaadhii fi nageenni Waaqa amma jiru, ka duri jiru, ka dhufu'uu jiru biraa, ayyaanota torba ka barcumaa mootummaa isaa dura jiranu biraa,
REV 1:5 Yesuus Kiristoosii dhugaa-bayaa addatamaa, ka worra du'e keessaa angafa te'ee kaafamee fi bulchaa mootota lafa tanaa te'e biralle'ee isiniif te'u jedha. Ka nu jaalatee cubbuu teenna jalaa dhiiga ifiitiin bilisa nu baasee,
REV 1:6 Waaqa Abbaa isaa akka tajaajilluuf mootumma'aa fi hayyoota ka nu godheef, ulfinnii fi hunni bara baraa, haga bara baraa teetu! Ameen.
REV 1:7 Kunoo, inni duumensaan dhufaara, ilti marti isa hin dhaggiti; worri isa woraaneeyyuu hin dhagga; kolbaan lafa irraa marti sababa isaatiin hin bowan. Ee! Akkasuma hin teeti. Ameen.
REV 1:8 Waaqi Goottaan amma jiru, ka durille jiru, ka dhufu, ka waan duudii dande'u, «Alfa'aa fi Omeegaan Ana» jedha; [akkasi jechuun ani ka duraatii fi duubaati jechu'u].
REV 1:9 Ani obboleessi keessan Yohaannis, ka waa'ela keessan te'ee Yesuusiin rakkinna, mootumma'aa fi ciniinnatanee ossiisa qoodame, marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa-bayiisa Yesuusiitiif oddoola Phaaximoo jedhantu keessa jiraayyu.
REV 1:10 Guyyaa Gootta'aa, ani Ayyaana Waaqaatiin jiraayyu; qoonqoo guddoo ta akka tultulla'aa ifi duubatti dhage'e.
REV 1:11 Qoonqoon sun, «Waan dhaggitu kitaaba marama'atti barreessiitii, wolde'oota kiristaanaa torba ka qachaa Efesoonii, ka qachaa Simiirnaa, ka qachaa Phergamoonii, ka qachaa Tiyaatiraa, ka qachaa Saardeesii, ka qachaa Filaadelfiya'aatii fi ka qachaa Laa'odiiqeya'aa keessa jiruuf ergi!» naan jette.
REV 1:12 Anille qoonqoo natti dubbatiisatti jirtu ilaaliisaaf ifi irra garagale; yennaa ifi irra garagale waan issaan irra keyamu torba ka worqi'iin hujame dhagge;
REV 1:13 waan issaan irra keyamu odduulle'etti waan ilma namaa fakkaatu tokko dhagge; inni uffana dheeraa hirba bira gewu uffatee, hidhata worqi'iitiin qoma ifii hidhateera.
REV 1:14 Mata'aa fi rifeensi isaa adii akka rifeensa hoolee adi'iitii fi adii akka dhakaa bokkeyaa ti; ilti isaalle akka bobe'a ibiddaa fakkaatti.
REV 1:15 Miilli isaa akka sageettuu dhiillee boolla ibiddaa keessatti finiintee morodantee ittuu ti; qoonqoon isaalle akka shookkessa gootuu bisaanii ti.
REV 1:16 Harka middichaan urjoota torba qabateera; afaan isaa keessaa shallaagaa qara lamaa ka qarametti baya; fuulli isaalle akka aduu orra'aa ifa.
REV 1:17 Yennaa isa dhagge akka nama du'ee te'ee miila isaa jallatti jige. Inni ammoo harka ifii middicha ana irra keyee, «Hin sodaatin! Ka duraatii fi duubaalle ana;
REV 1:18 ani Jiraata'a; ani du'eeraayyu, amma ammoo baraa haga bara baraa jiraadha; furtuun du'aa fi balbala addee worri du'e jiru bantu harka kiyya jirti.
REV 1:19 Maarre waan dhaggite, waan amma jiruu fi waan kanaan duuba te'u barreessi.
REV 1:20 Hiikkaan dhossaa urjoota torbaatii fi wonna issaan irra keyamuu ka worqi'iin hujame torbaa, ka ati harka kiyya middichatti dhaggitee kana: Urjooti torba ergantoota Waaqaa ta wolde'oota kiristaanaa torbaa ti; wonni issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torba, wolde'oota kiristaana torba.
REV 2:1 «Ergamaa wolde'a kiristaana Efesooniitiif akkas jedhii barreessi: «Urjoota torba ka harka middichaan qabateeru, waan issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torbaanuu odduu ka deddeebi'u akkana jedha:
REV 2:2 Hujii teeti, itti dadhabuu keetii fi ciniinnattee ossatuu keeti beekeera. Worra hamaa cadhittee akka ati hin lakkinne, worra ergantoota adoo hin te'in ‹Nuuti ergantoota› ifiin jedhanu qortee ilaaltee sobaaleyyii akka te'ane akka dhaggitelle ani hin beeka.
REV 2:3 Ciniinnattee ossattee, maqaa kiyyaaf rakkinna fudhattee, tana mara akka ati hin dadhabin ani hin beeka.
REV 2:4 «Te'uu malee, waan si ciicadhu qaba; sunilleen, jaalala duri qaddu lakkitteerta.
REV 2:5 Yoona maan irraa akka jidde yaadadhu! Cubbuu irraa deebi'iitii hujii duri hujju huji! Yoo cubbuu irraa hin deebi'in, ani sitti dhufee waan issaan keeti irra keyamu addee isaatii fuudha.
REV 2:6 Ammoo waan dansaa kana qadda: Hujii Niqolaawotaa ta ani jibbu atille hin jibbita.
REV 2:7 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu, muka jiruu kennu ka fichaa Waaqaa keessa jiru irraa akka nyaatu hin tolcha.
REV 2:8 «Ergamaa wolde'a kiristaana Simiirnaatiif akkas jedhii barreessi: «Ka duraatii fi duuba, ka du'ee, deebi'ee jiraataa te'e akkasi jedha:
REV 2:9 Rakkinnaa fi hiyyummaa teeti hin beeka; te'uu malee ati dureessa. Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhaa worra maqaa keeti balleessu ani hin beeka; isaan wolde'a Seexanaa ti.
REV 2:10 Rakkinna sitti dhufaaru hin sodaatin. Kunoo, Seexanni isin haga ilaaliisaaf, isin keessaa garii mana hidha'aatitti hin galcha; guyyaa kudhan hin rakkatan. Haga du'aatitti ka addatante te'i; anille kallacha jiru'uu si'iif hin kenna.
REV 2:11 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu du'a lammeesso'ootiin hin miidhamu.
REV 2:12 «Ergamaa wolde'a kiristaana Phergamooniitiif akkasi jedhii barreessi: «Ka shallaagaa qara lamaa, ka qarame qabu akkas jedha:
REV 2:13 Addee barcumaan mootummaa Seexanaa jiru akka ati leetu ani hin beeka; te'uu malee maqaa kiyya jabeessitee qabatteerta. Bara dhugaa-bayaan addatamaan kiyya Antiiphaas qachaa keessan ka Seexanni keessa le'u keessatti ijjeefamelle, dhugeeffannaa na irratti qaddu hin mormanne.
REV 2:14 «Te'uu malee waan si irratti ciicadhu waan diqqaa qaba: Ijoolleen Israa'elii sagalee waan Waaqa hin te'iniif woreegante akka nyaattuu fi akka sagaagaltu gufuu dura keyiisaaf, barsiisa Bala'aamii ka Baalaaq barsiise worri hordofu isin keessa jira.
REV 2:15 Akkasuma barsiisa worra Niqolaawotaa worra hordofulle qadda.
REV 2:16 Tanaaf cubbuu irraa deebi'i; yoo akkas hin te'in, ani ariifadhee dhufee, shallaagaa afaan kiyyaatiin isaan hin lola.
REV 2:17 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nama injifatuuf sagalee mannaa jedhantu ta dhokatteertu hin kennaaf. Akkasuma dhakaa adii ka maqaan haarenni irratti barreeffameeru, ka nama fudhatu san malee eennulle hin beenne hin kennaaf.
REV 2:18 «Ergamaa wolde'a kiristaana Tiyaatira'aatiif akkas jedhii barreessi: «Ilmi Waaqaa, ka ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaattu, ka miilli isaalle sageettuu dhiillee morodante fakkaatu akkas jedha:
REV 2:19 Hujii teeti, jaalala keeti, dhugeeffannaa teeti, tajaajilaa fi ciniinnatee ossatuu keeti ani hin beeka; akkasuma hujiin teeti ta qaraa ta ammaa akka caaltu ani hin beeka.
REV 2:20 «Te'uu malee waan si irratti ciicadhu qaba: Dubartii Iizaabel jedhantu ta ifiin, ‹Ani raaddu'u› jettu cadhittee itti lakkitteerta. Isiin barsiisa ifiitiin akka tajaajiltooti tiyya sagaagaltuu fi sagalee waaqa dharaatiif woreegante akka nyaattu dokonkorsiti.
REV 2:21 Akka isiin cubbuu sagaagalumma'aa irraa deebituuf yennaa isi'iif kenneeraayyu; isiin ammoo deebi'uu didatte.
REV 2:22 Maarre ani akka isiin dhukkuffattee taqee irra ciittu godha, worri isii gaarayyeeffatulle hujii isi'ii hantuu irraa yoo hin deebi'in, ani rakkinna guddaa itti fida.
REV 2:23 Ijoollee isi'iille hin ijjeesa; kanaan wolde'ooti kiristaanaa duudiin, ka yaadaa namaatii fi gadhaa namaa qorqoru ana akka te'e hin hubatan. Tokko tokkoo keessaniifuu akkuma hujii teessaniititti isiniif hin kenna.
REV 2:24 «Tiyaatiraa keessatti, isin worra barsiisa isi'ii hin hordofinii fi ‹Dhossaa guddoo Seexanaa› ta jedhante worra hin baratin hattaneen ammoo, waan jedhu: Ba'aa dhibii isin irratti hin fe'u;
REV 2:25 haga ani dhufutti woma qaddanu san jabeessa'aa qabadha'a.
REV 2:26 Akkuma ani abbaa kiyya biraa baallii fudhadhe, nama injifatuu fi nama hujii tiyya haga muumme'eetitti hujuuf, gosa mara irratti baallii hin kennaaf; innille, ulee bokku'uu ta sibiilaatiin gosa san hin bulcha; akka okkotee faaraalle isaan caccassee butucha.
REV 2:28 Bakkalcha bari'iille ani isaaf hin kenna.
REV 2:29 «Nami gurra qabu waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti!» ta jettu.
REV 3:1 «Ergamaa wolde'a kiristaana Sardeesiitiif akkas jedhii barreessi: «Ayyaanota Waaqaa torbaa fi urjoota torba ka harkatti qabateeru akkas jedha: Hujii teeti hin beeka; maqa'aan hin jirta, ammoo duuteerta.
REV 3:2 Maarre dammaqi! Waan hafe ka du'a geyeeru jabeessi! Hujiin teeti Waaqa kiyya duratti guutuu teeteertuun hin dhaggine.
REV 3:3 Yoona, waan fudhattee fi waan dhageette qaabadhu; ajajamiif, cubbuu irralle'ee deebi'i. Yoo dammaquu dhadde ammoo akka hattu'uu sitti dhufa; saatii tam akka ani sitti dhufulle hin beettu.
REV 3:4 Te'uu malee, qachaa Saardeesii keessa namooti diqqaan ka woyaa ifii hin xureessin si woliin jiran. Waan isaanii male waan te'eef, isaan woyaa adii uffatanee na woliin hin ideeman.
REV 3:5 Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru'uu keessaa hin haqu.
REV 3:6 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti.
REV 3:7 «Ergamaa wolde'a kiristaana Filaadelfiya'aatii akkasi jedhii barreessi: «Woyyichaa fi dhugaamessa ka te'e, ka furtuu Daawitiille harkatti qabateeru, ka waan inni cufe eennulle banuu hin dandeenne, ka waan inni banelle eennulle cufuu hin dandeenne akkasi jedha:
REV 3:8 Ani hujii teeti hin beeka. Akka ati hunna diqqoo qaddu hin beeka; te'uu malee, dubbii tiyya eeggateerta; maqaa kiyyalle hin mormanne. Kunoo, balbala banante ta eennulle cufiisaaf hin dandeenne si dura keyeera.
REV 3:9 Worri Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhu, worri dharaameyyiin, worri wolde'a Seexanaa te'e, gara keeti dhufee miila keeti jalatti akka sagadu, akka ani si jaaladhelle akka beekanu hin tolcha.
REV 3:10 Ciniinnattee akka ossattuuf ajaja ani kenne waan eeggatteef, anille saatii haga ilaalchaa, ta worra lafa irra le'u haga ilaaliisaaf biyya lafaa duudii irratti dhuttu irraa si eega.
REV 3:11 «Ani ariifadhee hin dhufa. Eennulle kallacha keeti akka hin fudhanne waan qaddu jabeessii qabadhu.
REV 3:12 Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba'aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa.
REV 3:13 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti.
REV 3:14 «Ergamaa wolde'a kiristaana Laa'odiiqeya'aatii akkas jedhii barreessi: «Ka ‹Ameen› jedhamu, ka dhugaa-bayaa addatama'aa fi dhugaamessa te'e, ka madda dada Waaqaa te'e akkas jedha:
REV 3:15 Ani hujii teeti hin beeka; ati o'aa yookiin qabbanowa'aa moti. O'aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaaladhaayyu.
REV 3:16 Ati ammoo bulluqowa'a malee, o'aa yookiin qabbanowaa waan hin te'iniif, afaan kiyya keessaa si tufaara.
REV 3:17 «Ati, ‹Ani dureessa, ani quufaleessa, womaa naaf hin barbaachisu› jetta; ammoo, ati deegaa, naasisaa, hiyyeessa, balla'aa, fi nafa-qullaa akka ka jirtu akka teete ifi hin beettu.
REV 3:18 Maarre akka duroontuuf, worqii ibiddaan qulqulloonte akka bitattu, nafi-qullaan fokkisiisu akka hin mudhanneef woyaa adii akka bitattu, dhaggiisaafille akka dandeettu qorsa ilatti buufattu akka na irraa bitattu si gorsa.
REV 3:19 Ani worra jaaladhu duudii hin xixa, hin adaballe'e. Tanaaf jabaadhu, cubbuu irralle'ee deebi'i.
REV 3:20 Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage'ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata.
REV 3:21 Akkuma ani injifadhee Abbaa kiyya woliin barcumaa mootummaa isaa irra tee'e, nami injifatulle na woliin barcumaa mootummaa tiyyaa irra akka tee'u hin tolcha.
REV 3:22 «Nami gurra dhage'u qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uuti!» jedha.
REV 4:1 Kanaan duuba ani ilaalee, ol-gubba'atti balbala banante dhagge. Qoonqoon tanaan dura akka tultulla'aa anaan dubbattuun ani dhage'e, «Asi koy, waan kanaan duuba te'u ani sitti mudhisa!» jette.
REV 4:2 Anille yoosuma Ayyaanaan jiraayyu; kunoo, ol-gubba'atti barcumaan mootumma'aa keyameera, barcumaa mootumma'aa san irra ka tee'eerutti jira.
REV 4:3 Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, akka dhakoota Yaasiphisiitii fi Saardiyonii ka gatiin guddo'oo, calaqqisee mudhata. Adaala barcumaa mootumma'aa san hiituun Waaqaa ta akka dhakaa gatiin guddo'oo ka Simaaragidos jedhamuu fakkaattu jirtiiyyu.
REV 4:4 Adaala barcumaa mootumma'aa san, barcumaan mootumma'aa diddamii afur jiraayyu; isaan san irralle maanguddoon diddamii afur woyaa adii uffatanee, kallacha worqi'iin hujame keyatanee tetee'aneeraniiyyu.
REV 4:5 Barcumaa mootumma'aa san keessaa ifi balaqqeetti'ii, qoonqo'oo fi gikkeessi mandiisu'uu baye. Barcumaa mootumma'aa san fuula duratti ifi torba ifiisatti jiraayyu; isaan sunille Ayyaanota Waaqaa torba.
REV 4:6 Akkasuma, barcumaa mootumma'aa san fuula dura abbaayaan daaw'iti'ii, qulqulluun cabbii fakkaattu jirtiiyyu. Oddu'uu fi adaala barcumaa mootumma'aa, dadi lubbuu qaddu arfan ta duraa fi duubaan ila hedduu qaddu jirtiiyyu.
REV 4:7 Dadi lubbuu qaddu ta qaraa neenqa fakkaatti; ta lammeesso'oo qotiyyoo fakkaatti; ta sadeesso'oo fuula fuula namaa fakkaatu qaddi; ta arfeesso'oo risaa koolaan ka'u fakkaatti.
REV 4:8 Dadi lubbuu qaddu arfanuu koola jaan jaan qaddi; keessaa fi gubbaalle'een ila hedduu qaddi. Halkanii fi guyyaa adoo hafuura hin fudhatin, «Goottaan Waaqi waan mara dande'u, ka duri jiru, ka amma jiruu fi ka dhufu, Woyyicha, Woyyicha, Woyyicha!» jedhaa faarfatti.
REV 4:9 Yennaa dadi arfanuu, ka barcumaa mootumma'aa irra te'eeruu fi ka haga bara baraa jiraatuuf ulfinna, guddinna fi galata kennitu maraa,
REV 4:10 maanguddooti diddamii afur, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru duratti jiganee, ka haga bara baraa jiraataa te'e le'uuf sagadaaraniiyyu; kallacha ifiille barcumaa mootumma'aa dura keyanee,
REV 4:11 «Ati waan mara waan daddeef, isaaniille fedha keetiin waan dadamanee fi waan jiraataneef, Waaqa Goottaa keenna, ulfinna, guddinnaa fi baallii fudhatuu qadda» jedhiisatti jiraniiyyu.
REV 5:1 Achiin duuba ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru, kitaaba maramaa ka keessaa fi gubbaa barreeffamee, chaappaa torbaan dhowameeru harka middichaan qabateeruun dhagge.
REV 5:2 Ergamaan Waaqaa jabaan tokko qoonqoo guddo'oon, «Ka chaappaa irraa rigee kitaaba maramaa san banu'uu male eennu?» jedhaa lallabuun dhagge.
REV 5:3 Te'uu malee ol-gubbaa keessa yookiin lafa irra, lafaan jalalle, ka kitaaba maramaa san banee keessa isaa ilaaluu dande'u tokkolle hin jiruuyyu.
REV 5:4 Ka kitaaba maramaa san banee keessa isaa ilaalu'uu male waan hin jirreef, ani laalleffadhee bowe.
REV 5:5 Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Hin bowin! Kunoo, neenqi gosa Yihuda'aa, sanyiin Daawitii injifateera; inni kitaaba maramaa san baniisaa fi chaappaa torbaanuu irraa rigiisaaf hin dande'a» naan jedhe.
REV 5:6 Achiin duuba, ka Hoolicha qalame fakkaatu tokko, dada lubbuu qaddu afurii fi maanguddootaan naanneffamee, odduu barcumaa mootumma'aa dhaabbateeruun dhagge. Hoolichi sun gaafa torbaa fi ila torba qaba; isaaniille Ayyaanota Waaqaa torba ka gara lafa duudi'ii ergamane.
REV 5:7 Hoolichi sun dhufee, harka middicha ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru irraa kitaaba maramaa san fuudhe.
REV 5:8 Yennaa inni kitaaba maramaa san fuudhe, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddooti diddamii afur Hoolicha san fuula duratti gad lafatti jigane; tokkoon tokkoon isaanii waan daadimata kolbaa Waaqaa te'e kiraara gudda'aa fi girgiraa worqi'iin hujame ka hixaanaan guutame qabataneeraniiyyu.
REV 5:9 Isaan faaruu haareya faarfataa, «Ati kitaaba maramaa san fudhatiisaaf, chaappota irraa rigiisaafille ka malte; sababille ati qalantee, dhiiga keetiin gosa maraa keessaa, afaan maraa keessaa, kolbaa maraa keessaa, sanyii nama maraa keessaa, namoota Waaqaaf wodatteerta.
REV 5:10 Waaqa keennaaf, akka isaan mootumma'aa fi hayyoota te'anu gooteerta; isaaniille lafa irratti hin mowan» jedhane.
REV 5:11 Kanaan duuba ilaalee, qoonqoo ergantoota heddu'uu dhage'e; laakkossi isaaniille kuma heddu'uu fi miliyoona heddu'u. Isaan adaala barcumaa mootumma'aa, adaala dada lubbuu qadduutii fi maanguddootaa naannowaneeran.
REV 5:12 Isaan qoonqoo guddo'oon, «Hoolichi qalame sun, baallii, durummaa, qarummaa, hunna, ulfinna, guddinnaa fi galata fudhatu'uu male» jedhanee faarsane.
REV 5:13 Achiin duuba dadi ol-gubba'aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti, «Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolichaaf, bara baraa haga bara baraa te'u» jedhaa faarfatanuun dhage'e.
REV 5:14 Dadi lubbuu qaddu arfan, «Ameen!» jette; maanguddootille gad jiddee sagadde.
REV 6:1 Achiin duuba Hoolichi sun chaappaa torba keessaa ka qaraa banuun dhagge; dada lubbuu qaddu arfan keessalle'ee tokkochi qoonqoo akka mandiisu'uutiin, «Koy!» jedhuun dhage'e.
REV 6:2 Anille midhadhee, farda adii tokko dhagge; ka farda san irra tee'eerulle guubee qabateera; kallachi isaaf kennamee, innille akka mowataa tokkoo mowatiisaaf gad baye.
REV 6:3 Yennaa Hoolichi sun chaappaa lammeessoo bane, dadi lubbuu qabu ka lammeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e.
REV 6:4 Achiin duuba fardi dhibiin diimaan ibiddi gad baye; ka farda san irra tee'eerulle, akka nageya lafa irraa balleessuu fi akka namooti wol qalanu akka godhuuf baalliin kennanteef; shallaagaan guddaalle kennameef.
REV 6:5 Yennaa Hoolichi sun chaappaa sadeesso'oo bane, dadi lubbuu qabu ka sadeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e. Anille achi midhadhee farda gurraacha tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru waan ittiin madaalanu harkatti qabateera.
REV 6:6 Qoonqoo dada lubbuu qaddu afur keessaa baatu fakkaattu dhage'e; qoonqoon sun, «Qamadiin waan ittiin safaranu diqqaa tokkocha te'u mindaa hujii guyyaa tokkoo, garbuun waan ittiin safaranu diqqaa sad te'u mindaa guyyaa tokkoo te'uu ti! Ejersa zayiti'iitii fi muka woynii hin balleessin» jettuun dhage'e.
REV 6:7 Yennaa Hoolichi sun chaappaa arfeesso'oo bane, dadi arfeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e.
REV 6:8 Ani midhadhee, farda borora tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru maqaan isaa, «Du'a» jedhama; mootummaan du'aalle duubaan isa hordofiisatti jirtiiyyu. Du'aa fi mootummaan du'aa shallaaga'aan, beelaan, bala'aa fi bineensota lafa irraatiin akka ijjeesanuuf, lafa irratti harka afur keessaa harka tokko baalliin isaaniif kennante.
REV 6:9 Yennaa Hoolichi sun chaappaa shaneesso'oo bane, lubbuu worra marroo Dubbii Waaqaatii fi marroo dhugaa bayaneef qalamanee, addee ciincaan ciinceffamu jalatti dhagge.
REV 6:10 Isaanille qoonqoo guddo'oon, «Goottaa Ol Aana'a, woyyichaa fi dhugaamessa, worra lafa tana irra le'u irratti murtee, dhiiga keenna nu'uuf adoo hin baasin, haga yoomii turta?» jedhaa iyyane.
REV 6:11 Achiin duuba tokkoo tokkoofuu woyaan adiin kennante; haga laakkossi tajaajiltoota isaaniif lansaatii fi obboleeyyan isaanii, ka akkuma isaanii ijjeefamanuu guutuu te'utti, haga diqqoo akka ossatanu itti himame.
REV 6:12 Hoolichi chaappaa jayeesso'oo banuun dhagge. Tacho'i lafaa guddaan te'e; aduun akka cile'ee gurraachotte; jiinille guutuma guutu'utti akka dhiigaa diimate.
REV 6:13 Akkuma midhaan harru'uu ka hin bilchaatin qilleensa jaba'aan hargufamee harca'u, urjooti gubba'aa gadi lafatti harcaate.
REV 6:14 Gubbaan akka kitaaba marama'aa marantee tarte; gaarotaa fi oddoolli duudiin addee ifii irraa balleeffamane.
REV 6:15 Kanaan duuba, moototi lafaa, bulchitooti, abbootiin duulaa, dureeyyiin, hunnaameyyiin, garbichaa fi ka garbicha hin te'in marti, godootaa fi rassoota gaarotaa keessa dhokatane.
REV 6:16 Gaarotaa fi rassootalle'een, «Nu irratti jiga'a, ila ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruutii fi mufii Hoolichaa jalaa nu dhossa'a.
REV 6:17 Guyyaan guddaan isaan mufatanu geyeera; eentu dura dhaabbachuu dande'aa ree?» jedhane.
REV 7:1 Kanaan duuba ergantooti Waaqaa arfan, moggaa lafaa arfanuu dhaabbatanee, akka lafatti yookiin abbaaya'atti, yookiin muka kamille'etti qilleensi hin dhoonne, qilleensa maddii arfanii dhoogganuun dhagge.
REV 7:2 Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara aduun baatuun dhufuun dhagge; innille, ergantoota Waaqaa arfan, ta akka lafaa fi abbaayaa miidhanuuf baalliin isaanii kennanteen, qoonqoo ol qabatee,
REV 7:3 «Adda tajaajiltoota Waaqa keennaatitti haga chaappaa dhoonnu, lafa yookiin abbaayaa, yookiin mukoota hin miidhina'a» jedhee iyye.
REV 7:4 Ani laakkossa worra chaappaan itti dhowameelle dhage'e; worri gosa Israa'elii mara keessaa chaappa'aan dhowame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur.
REV 7:5 Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lama, gosa Ruubenii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama,
REV 7:6 gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama,
REV 7:7 gosa Shimi'oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama,
REV 7:8 gosa Zebuloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yoseef keessaa kuma kudha lama, gosa Beniyaaminii keessaa kuma kudha lamatti chaappaan dhowame.
REV 7:9 Kanaan duuba gumiin bindillaan ta nami tokkolle laakkowee hin dandeenne gosa biyya adda addaa mara keessaa, gosa mara keessaa, kolbaa maraa fi afaan adda addaa mara keessaa dhufane dhaabbataneeranuun dhagge; isaan woyaa adii uffatanee, baala meexxi'ii harkatti qabatanee, barcumaa mootumma'aatii fi Hoolichaa dura dhaabbataneeraniiyyu.
REV 7:10 Isaan qoonqoo guddo'oon, «Fayyinni Waaqa keenna ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolicha biraa dhaggama!» jedhanee iyyane.
REV 7:11 Ergantooti Waaqaa martinuu naannoo barcumaa mootumma'aa, maanguddootii fi dadi lubbuu qaddu arfan dhaabbataneeraniiyyu; barcumaa mootummaa Waaqaa duratti addaan gad gombifamanee Waaqaaf sagadanee,
REV 7:12 «Ameen! Waaqa keennaaf leelloon, guddinni, qaruun, galanni, ulfinni, hunnaa fi jabeenni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen!» jedhane.
REV 7:13 Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Worri woyaa adii uffateeru kun eennu fa'a? Eessaa dhufane?» jedhee na gaafate.
REV 7:14 Anille, «Goottaa kiyya, si'ittuu beeka» jedheen. Innille, «Isaan worra rakkinna guddaa keessaa bayanee dhufane; woyaa ifiille dhiiga Hoolichaatiin dhiqatanee addeeffataneeran.
REV 7:15 Tanaaf isaan barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa dura dhaabbatanee, halkanii fi guyyaa Galma Waaqaa keessatti isa tajaajilan; ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eerulle dunkaanii ifii isaan gubba'atti hin diriirsa.
REV 7:16 Haganaa achi hin beelowanu; deebi'aneelle hin dheebotanu, aduun isaan hin dhoottu, o'i finiinaalle isaan hin gubu.
REV 7:17 Sababille, Hoolichi odduu barcumaa mootumma'aa jiru tissee isaanii hin te'a; gara madda bisaan jiru'uulle isaan hin geessa. Waaqille ila isaanii irraa imimmaan mara hin haqa» anaan jedhe.
REV 8:1 Yennaa Hoolichi chaappaa torbeesso'oo bane, ol-gubba'atti gara daqiiqaa soddomaa cadheessi te'e.
REV 8:2 Achiin duuba ani ergantoota Waaqaa torba ta Waaqa dura dhaabbattu dhagge; tultullaan torballe isaaniif kenname.
REV 8:3 Ergamaan Waaqaa ka dhibiille girgiraa worqi'iin hujame qabatee dhufee, addee ciincaan itti ciinceffamu bira dhaabbate; innille addee ciincaan itti ciinceffamu ta worqi'iin hujantee barcumaa mootummaa Waaqaa dura jirtu irratti, daadimata worra Waaqaaf woyyoome maraa woliin akka dhiyeessuuf, hixaanni bacaan itti kenname.
REV 8:4 Aarri hixaanaalle daadimata worra Waaqaaf woyyoomee woliin harka ergamaa Waaqaa irraa gara fuula Waaqaa ol ka'e.
REV 8:5 Ergamaan Waaqaa sunille girgiraa san harkatti qabatee ibidda ciinca'aa itti guutee gad gara lafaa qolaanse; gikkeessi mandiisu'uu, huuruun, balaqqeessi balaqqeetti'iitii fi tacho'i lafaalle te'e.
REV 8:6 Achiin duuba ergantooti Waaqaa torba ta tultullaa torba qabatteertu tultullaa afuufiisaaf qophootte.
REV 8:7 Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu'ane; lattille harka sad keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sad keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate.
REV 8:8 Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Wonni akka gaara gudda'aa fakkaatulle ibiddaan gubataa abbaaya'atti qolaanfame; abbaayaan guddoolle harka sad keessaa harki tokko dhiiga teete.
REV 8:9 Dadi lubbuu qaddu ta abbaayaa keessa jirtu, harka sad keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootille harka sad keessaa harki tokko muxuqqi jedhane.
REV 8:10 Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa'aa bobeettu lagoota harka sad keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute.
REV 8:11 Maqaan urjii saniille, «Hadheesso» jedhama. Bisaanille harka sad keessaa harki tokko hadhowaa te'e; bisaan hadhowaa waan te'eef namooti hedduun du'ane.
REV 8:12 Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sad keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu'uu harka sad keessaa harki tokko, ka ji'aa harka sad keessaa harki tokkoo fi ka urji'ii harka sad keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya'aa harka sad keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sad keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame.
REV 8:13 Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka'aa qoonqoo guddo'oon, «Ergantooti Waaqaa sad ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le'uuf aanne'e! Aanne'e! Aanne'e!» jedhaa iyyuun dhage'e.
REV 9:1 Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oo tultullaa afuufe. Ani urjii ol-gubbaa irraa gadi buuteertu dhagge; urjii saniif furtuun boolla qile'ee kennante.
REV 9:2 Yennaa urjiin sun boolla qilee san bante, aarri akka aara boolla ibiddaa guddaa keessaa bawu fakkaatu keessaa baye. Aara boolla keessaa bayeen, adu'uu fi qilleensi dukkanowane.
REV 9:3 Aara san keessaa awwaannisooti bayanee lafatti bu'ane; baalliin akka baallii makkaa jirtu kennanteef.
REV 9:4 Isaan namoota adda ifii irratti chaappaa Waaqaa hin qanne callaa malee, marra lafaa, yookiin waan latee bisilee te'e mara, yookiin muka akka hin miine itti himame.
REV 9:5 Awwaannisootille ji'a shan callaa akka isaan farrisiisanuuf malee, akka ijjeesanuuf baalliin isaaniif hin kennanne; farri isaan farranu sunille farra akka yennaa makki nama ciniine namatti dhage'amuu ti.
REV 9:6 Guyyoota san namooti du'a barbaadan, ammoo hin dhaggatanu; du'iisaafille hin halchan, duuti ammoo isaan duraa hin baqatti.
REV 9:7 Awwaannisooti fardoo lolaaf qophootte fakkaatan; mataa ifii irralle'etti waan akka kallacha worqi'ii fakkaatu keyataneeran; fuulli isaaniille fuula namaa fakkaata;
REV 9:8 rifeensi isaanii akka rifeensa mataa dubarti'ii fakkaata; ilkaan isaaniille ilkaan neenqaa fakkaata.
REV 9:9 Isaan qomoo, qomoo sibiilaa fakkaattu qaban; qoonqoon koola isaaniille hididdeessa garreettota lolaa ka fardo'oon harkifamanu heddu'uu, ka gara lolaa gulufanuu fakkaatti.
REV 9:10 Isaan akka makkaa eege'ee fi ilkattii qaban. Hunni isaan ittiin namoota ji'a shan farrisiisanulle eegee isaanii irra jirti.
REV 9:11 Isaan mootii qaban; innille ergamaa boolla qile'eeti; maqaan ergantichaa afaan Ibrootaatiin, «Abadoon», afaan Giriikiitiin, «Apholiyon» jedhama; akkas jechuulle, «Balleesso» jechu'u.
REV 9:12 Aanneen qaraa dabarteerti; kunoo kanaan duuba ammalle aanneen lama ta dhibiin hin dhutti.
REV 9:13 Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Gaafa arfan addee ciincaan itti ciinceffamuu, ka worqi'iin hujamee fuula Waaqaa dura jiruu irraa qoonqoon dhuttuun ani dhage'e.
REV 9:14 Qoonqoon sunille ergamaa Waaqaa ka tultullaa jayeesso'oo qabateeruun, «Ergantoota Waaqaa arfan ta laga Efraaxiisii guddichaatitti hidhamane hiiki!» jette.
REV 9:15 Sanyii namaa harka sad keessaa harka tokko akka ijjeesanuuf, saatii tanaaf, guyyaa kanaaf, ji'aa kanaa fi woggaa kanaaf, ergantooti Waaqaa arfan ta qophowaneeranu hiikamane.
REV 9:16 Ani laakkossa loltoota fardaan loltuulle dhage'e; laakkossi isaanii miliyoonii dhibba lama.
REV 9:17 Fardo'oo fi worra fardoo san irra tee'eerulle ani mudhi'iin dhagge. Isaan qomoo sibiilaa diintuu akka ibiddaa, gurraattii akka baddeessa'aatii, fi bifa bookaa fakkaattu qaban. Mataan fardoo sanii mataa neenqaa fakkaata; afaan isaanii keessalle'ee ibiddi, aarrii fi dhakaan bobe'u baya.
REV 9:18 Balaa sadiin afaan fardo'oo keessaa bayeen, jechuun ibiddaan, aaraa fi dhakaa bobe'uun sanyiin namaa harka sad keessaa harki tokko ijjeefante.
REV 9:19 Sababille hunni fardoo sanii afaanii fi eegee isaanii keessa jirti; eegeen isaanii bofa fakkaatti; isiille mataa waan qadduuf, isaan isi'iin kolbaa miidhan.
REV 9:20 Worri balaa kanaan hin du'in hafane ammalle hujii harka ifii irraa hin deebine. Isaan durriisota, akkasuma waaqota dharaa ka worqii, meetii, sageettuu, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka dhagguu, yookiin dhage'uu, yookiin ideemuu hin dandeenne waaqonfatiisa hin lakkinne.
REV 9:21 Isaan ijjeechaa, xanuu, sagaagaluu yookiin hatuu irraa hin deebine.
REV 10:1 Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata.
REV 10:2 Inni Kitaaba maramaa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa irra, miila bitaacha lafa irra keyate;
REV 10:3 qoonqoo guddoo ta akka neenqa dhangaa dhowuutiin iyye. Yennaa inni iyye mandiisuun torba qoonqoo ifii dhageessitte.
REV 10:4 Yennaa mandiisuun torba mandiite, ani barreessiisaaf qophoweeraayyu; ol-gubbaa irraa ammoo, «Waan mandiisuun torba dubbatte cufii gadha'atti qabadhu malee, hin barreessin» qoonqoo jettu dhage'e.
REV 10:5 Kanaan duuba ergamaa Waaqaa ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeruun dhagge sun harka ifii middicha gara ol-gubba'aa ol kaase.
REV 10:6 Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, «Yoona hin turu!
REV 10:7 Guyyoota ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo tultullaa ifii afuufutti ammoo, akkuma inni tajaajiltoota ifii raagotatti mudhisetti dhossaan Waaqaa hin muummotti» jedhe.
REV 10:8 Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, «Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha maramaa, ka banameeru fudhadhu» jettee natti dubbatte.
REV 10:9 Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha maramaa san akka naaf kennu gaafadhe; innille, «Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa» naan jedhe.
REV 10:10 Kitaaba diqqicha san harka ergamaa Waaqaa irraa fuudhee nyaadhe; afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe; nyaadheen duuba ammoo gadhaa kiyya keessatti hadhowe.
REV 10:11 Achiin duuba, «Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda» jedhamee natti himame.
REV 11:1 Achiin duuba uleen ittiin mikanu ta leemma fakkaattu naaf kennante; analle'een, «Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkow.
REV 11:2 Addee Galma Waaqaatiin fuula dura jirtu ammoo hin mikin. Sababille addeen sun worra Yihudoota hin te'iniif kennanteerti. Isaan qachaa woyyicha ji'a afurtamii lama irra hirbeessan.
REV 11:3 Ani dhugaa baatota tiyya lamaaf hunna hin kenna; isaaniille woyaa gaddaa uffatanee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatama hin raagan» jedhame.
REV 11:4 Dhugaa baatoti lama, ta Waaqa Goottaa biyya lafaa dura dhaabbattu tun, muka ejersaa lamaa fi waan ifi irra keyamu lama.
REV 11:5 Eennulle isaan miidhiisaaf yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa bayee diina isaanii hin balleessa; ka isaan miidhiisaaf barbaadu mara akka kanaan ijjeefaman.
REV 11:6 Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yennaa fedhane mara balaa te'e maraanuu lafa dhowiisaaf baallii qaban.
REV 11:7 Yennaa isaan dhugaa bayiisa fixatane, bineensi hamaan boolla qilee keessaa bayee isaan adhee injifatee, hin ijjeesa.
REV 11:8 Reeffi isaaniille hodhicha guddaa qachaa gudda'aa irra hin ciciisa; qachaan kun addee Goottaan isaanii itti fannifame, ta yennaa fakkeennaan dubbatantu Sodoom yookiin Gibxi jedhantu.
REV 11:9 Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daaw'atan, hin awwaalchisanulle'e.
REV 11:10 Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan.
REV 11:11 Guyyaa sadii fi wodhakka'aan duuba ammoo, hafuurri jiru'uu Waaqa biraa dhufee itti gale; isaanille ka'anee miila ifiitiin dhaabbatane; worri isaan dhagge duudiin bararaqe.
REV 11:12 Achiin duuba ol-gubbaa irraa qoonqoo guddoo ta, «Asi baya'a!» isaaniin jettu dhage'ane; diinoti isaanii adoo ilaalanu duumensa keessa gara ol-gubba'aa bayane.
REV 11:13 Saatuma sanitti tacho'i lafaa guddaan te'ee, qachaan sun harka kudhan keessaa harki tokko diigame; tacho'a lafaa saniin namooti kum torba du'ane; worri hafanelle bararaqanee, Waaqa ol-gubba'aatiif ulfinna kennane.
REV 11:14 Aanneen lammeesso'oo dabarteerti; kunoo aanneen sadeesso'oo dhufaarti.
REV 11:15 Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle'etti qoonqoon hedduun guddoon, «Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosii isaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin mowa» jettu dhage'ante.
REV 11:16 Maanguddooti diddamii afur, ka fuula Waaqaa duratti barcumaa ifii ka mootumma'aa irra tee'aneeranulle, addaan gombifamanee Waaqaa sagadanee,
REV 11:17 «Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, ka ammaa fi durille jirtu, hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef, si galateeffanna.
REV 11:18 Worri Yihudoota hin te'in mufate; mufiin teetille dhutte. Yennaan worri du'e muraa dhaggatulle geette; yennaan tajaajiltooti teeti raagotii fi worri si'iif woyyoome, worri maqaa keeti ulfeessu worri didiqqa'aa fi worri gugurdaan, gatii ifii dhaggatanu geette. Yennaan worra lafa balleesse, balleessitulle geette» jedhane.
REV 11:19 Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo isaa mudhate. Balaqqeettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e.
REV 12:1 Kancirri guddaan tokko ol-gubba'atti mudhate; dubartiin aduu uffattee, ji'a miila jala keyattee, kallacha urjoota kudha lamaa mata'atti keyatteertu takka mudhatte.
REV 12:2 Isiin ulfa qaddi; yennaa deyiisaaf ciniinsifattu, ciniinsu'uun rakkattee iyyite.
REV 12:3 Kancirri dhibiille ol-gubba'atti mudhate; jawween guddoon diintuun, ta mataa torbaa, ta gaafa kudhan qadduu fi kallacha torba mata'atti keyatteertu takka mudhatte.
REV 12:4 Eegeen isi'ii urjoota harka sad keessaa harka tokko ol-gubba'aa harkittee gad lafatti qolaansite. Jawween sun, akkuma dubartittiin deetteen mucaa isiin deettu liqinsiisaaf, isii deya geette dura dhaabbatte.
REV 12:5 Isiin ilma gosa biyya maraa ulee sibiilaa ta bokku'uutiin bulchu deette; mucaan gara Waaqaatii fi gara barcumaa mootummaa ifii ol fudhatame.
REV 12:6 Dubartittiille, gara addee Waaqi akka isiin guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin leetu dhaggattuuf qopheessee, gara lafa goomole'ee baqatte.
REV 12:7 Kanaan duuba ol-gubbaalle'etti lolli ka'e. Mikaa'elii fi ergantooti isaa jawwee san lolane; jawwe'ee fi ergantuun isi'iille deebisane isaan lolane;
REV 12:8 te'uu malee jawwe'ee fi ergantooti isi'ii injifatamane; addee ol-gubba'atti qabanulle dhabane.
REV 12:9 Jawween guddoon gad qolaanfante; isiin Diyaabiloosii yookiin Seexana biyya lafaa duudii wollaalchise jedhamu, dhudhuufaa bara durii ti. Isiin gad gara lafaa qolaanfante; ergantooti isi'iille isii woliin qolaanfante.
REV 12:10 Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage'e; isiilleen, «Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti. Himattooti obboleeyyan teennaa, ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti.
REV 12:11 Obboleeyyan teennalle, dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiin isa mowataneeran; lubbuu ifii adoo hin jaalatin du'aaf dabarsanee ifi kennaneeran.
REV 12:12 Maarre yoona ol-gubbootii fi worri isaan keessa leetanu gammada'a! Lafaa fi abbaayaa guddo'o, isiniif ammoo aanne'e! Sababille Seexanni yennaa gabaadduu callaa akka qabu beekee, mufii gudda'aan gadi gara keessan dhufeera» jedhe.
REV 12:13 Jawween sun gara lafaatitti akka gad qolaanfante yennaa beette, dubartittii ilma deette san ari'utti kaate.
REV 12:14 Dubartittiin ammoo gara lafa goomole'ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka'aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi'iif kenname.
REV 12:15 Achiin duuba jawween sun akka dubartiin sun lola'aan fudhatantuuf, bisaan akka lagaa, afaan ifii keessaa, dudda isi'ii duubaan gadi naxxe.
REV 12:16 Latti ammoo dubartittii gargaarte; afaan ifii bantee laga jawween afaan ifii keessaa gadi naxxe san liqinsite.
REV 12:17 Jawween sunille dubartii sanitti aartee, ijoollee isi'ii ta hatte woliin loliisaaf dhaxxe; isaan worra ajaja Waaqaa eeggatuu fi dhugaa baya Yesuusii qabatu.
REV 12:18 Jawween sun maansa cinaa abbaaya'aa irra dhaabbatte.
REV 13:1 Kanaan duuba bineensi tokko abbaayaa keessaa bayuun dhagge. Bineensi sun gaafa kudhanii fi mataa torba qaba; gaafota ifii irralle'etti kallacha kudhan, mataa ifii irralle'etti maqoota Waaqa faanshessanu qaba.
REV 13:2 Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba'aa fakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite.
REV 13:3 Matoota bineensa sanii keessaa mataan tokkochi madaa ijjeettu waan qabu fakkaata; ammoo madaan sun fayyiteerti. Biyyi duudiin baaseffattee, bineensa san hordotte.
REV 13:4 Jawween baallii ifii bineensa kanaaf waan kenniteef, namooti isi'iif sagadane; akkasuma bineensa sanille'een, «Ka akka bineensa kanaa jiru eennu? Eentu isa loliisaaf dande'a?» jedhaa sagadaneef.
REV 13:5 Afaan jecha kooraa ittiin dubbatuu fi Waaqa ittiin faanshessu bineensa saniif kenname; ji'a afurtamii fi lama baalli'iin akka hujuufille eeyyam kenname.
REV 13:6 Innille Waaqa, maqaa Waaqaa, addee ulfaattuu Waaqi le'uu fi worra ol-gubbaa keessa le'u faanshessiisaaf afaan banate.
REV 13:7 Akka inni woyyoota lolee injifatuuf hunni isaaf kennante. Gosa, kolbaa, afaanii fi gosa biyya adda addaa mara irralle'etti baalliin kennanteef.
REV 13:8 Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le'anu marti bineensa saniif hin sagadan.
REV 13:9 Nami gurra qabu dhage'uu ti!
REV 13:10 Nami booji'amu, hin booji'ama; nami shallaaga'aan ijjeefamu shallaagumaan ijjeefama. Ciniinnatanee ossiisaa fi addatamiisi kolbaa Waaqaa yennaa tana barbaachitti.
REV 13:11 Achiin duuba bineensi dhibiin lafa keessaa bayuun dhagge. Akka hoole'ee gaafa lama qaba, ammoo akka jawwe'ee dubbate.
REV 13:12 Inni maqaa bineensa qaraatiin baallii guutu'uun hujiisatti jiraayyu; lafaa fi worri isii irra le'anu maraa, bineensa qaraa ka madaa ijjeettu irraa fayye akka waaqonfatanu godhe.
REV 13:13 Kolbaa duralle'etti haga ibidda ol-gubbaa irraa gad gara lafaa buusiisaatitti bilbaasa gugurddaa huje.
REV 13:14 Maqaa bineensa qaraatiin bilbaasa akka hujuuf baalliin waan kennanteertuuf, worra lafa irra le'anu wollaalchise; bineensa shallaaga'aan madayee, ammoo ka lubbu'uun jiruuf, fakkii akka dhaassisanuufille ajaje.
REV 13:15 Fakkiin bineensa qaraa dubbatiisa akka dandeettu hafuura akka isi'iif kennuu fi worra fakkii tanaaf hin saganne maraa akka ijjeesisuuf baalliin kennante.
REV 13:16 Akkasuma diqqa'aa fi guddaan, dureessii fi hiyyeessi, gootta'aa fi garbichi marti harka middicha irratti yookiin adda ifii irratti beessisa akka godhatanu hunnaan tolche.
REV 13:17 Beessisa bineensa qaraa ka maqaa isaa yookiin laakkossa maqaa isaa mudhisu, yoo ifi irraa qabaate malee, nami tokkolle bitatu'uu fi gurguratuu akka hin dandeenneef akkasi tolche.
REV 13:18 Wonni tun qarummaa barbaaddi. Laakkossi kun laakkossa namaa waan te'eef, nami qalbii qabu maraa laakkossa bineensa kanaa herregee bira gewuu ti; laakkossi isaalle, dhibba jaa fi jaatamii fi ja.
REV 14:1 Achiin duuba midhadhee, Hoolichi gaara Xiyoonii irra dhaabbatuun dhagge; worri maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaaniititti barreeffameerulle, namooti kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur isa woliin jiraniiyyu.
REV 14:2 Qoonqoo akka qoonqoo bisaan heddu'uutii fi gikkeessa mandiisuu guddo'oo jirtu ol-gubbaa keessaa dhage'e; qoonqoon ani dhage'e sun qoonqoo kiraara gugurda'aa ka worri kiraara dhowu dhowuu fakkaatti.
REV 14:3 Isaanille barcumaa mootumma'aa duratti, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddoo diddamii fi afur duratti faaruu haareya faarsane. Worra lafa irraa wodame, worra kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur malee, nami tokkolle faaruu san baratiisaaf hin dandeenne.
REV 14:4 Worri kun waan qulqullumma'aan ifi eegataneeranuuf, worra dubartii bira dhaqiisaan ifi batteesseeruu moti; isaan qeedho'o. Isaan gara Hoolichi deemu mara gula deeman; isaan kun worra Waaqaa fi Hoolichaaf akka angafoota te'anuuf, sanyii namaa keessaa wodamane.
REV 14:5 Afaan isaanii keessalle'etti dharti ijjumaa hin dhagganne; isaan worra komii hin qanne.
REV 14:6 Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin wodhakkaa ol-gubba'aa keessa koolaan ka'uun dhagge; innille Oduu Gammadaa ta bara baraa, ta worra lafa irra le'u maraaf, gosa biyya adda addaa maraaf, gosa maraaf, afaanii fi kolbaa maraaf lallabu qabateera.
REV 14:7 Inni qoonqoo guddo'oon, «Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha'a, ulfinnalle kenna'aaf! Ka ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi madda bisaanii dadeef sagada'a!» jedhe.
REV 14:8 Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka lammeesso'oo, ka qaraatitti aanee, «Baabiloniin guddoon jidde! Jidde! Isiin gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii, ta macheessitu akka untu tolchiteerti» jedhe.
REV 14:9 Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka sadeesso'oolle, isaanitti aanee qoonqoo guddo'oon, «Nami bineensaa fi fakkii isaatiif sagadu, ka beessisa isaalle adda ifii irratti yookiin harka ifii irratti godhatu mara,
REV 14:10 daadhii woyni'ii ta mufii Waaqaa hin una; daadhiin woyni'ii sunille ta adoo hin makamin muduunuu mufii Waaqaatitti naqanteertu; akkasuma inni ergantoota Waaqaa woyyootaa fi Hoolicha fuula duralle'etti ibiddaa fi dhakaa bobe'uun hin farra.
REV 14:11 Aarri farra isaaniille bara baraa haga bara baraa ol hin baya; worri bineensaa fi fakkii bineensaatiif sagadu, yookiin worri beessisa maqaa isaa godhatu mara halkanii fi guyyaa foora hin qabu» jedhe.
REV 14:12 Kolbaa Waaqaa ta ajaja Waaqaa eeggatanuu fi Yesuusille'eef addatamiisaan jabaatanu irraa ciniinnatanee ossiis yennaa tana barbaachitti.
REV 14:13 Achiin duuba ol-gubbaa keessaa, «Haganaa achi worri Gootta'aan jiraataa du'u, worra badhaadhe jedhii barreessi» qoonqoo jettu dhage'e. Ayyaannille, «Ee, hujiin isaanii waan isaan hordottuuf, dadhabbii ifii irraa hin foorfatan» jedha.
REV 14:14 Achiin duuba midhadhee, duumensa adii tokko dhagge; ka ilma namaa fakkaatu tokkolle, kallacha worqi'ii mata'atti keyatee, haantuu qara qaddu harkatti qabatee, duumensa san irra te'eeraayyu.
REV 14:15 Ergamaan Waaqaa dhibiin, Galma Waaqaa san keessaa bayee, ka duumensa irra tee'e saniin, «Wonni lafa tanaa ta haammantu guutumatti bilchaateerti; yennaan haamma'aalle waan geetteertuuf, haantuu teetiin haam!» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye.
REV 14:16 Maarre, ka duumensa irra tee'eeru sun haantuu ifii lafa irra wolaase; lattille haamante.
REV 14:17 Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, Galma Waaqaa ka ol-gubbaa keessa jiru keessaa baye; innille haantuu qara qaddu qabaayyu.
REV 14:18 Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, ka ibidda irratti baallii qabu, addee ciincaan itti ciinceffamu biraa baye; inni ergamaa Waaqaa ka haantuu qara qaddu qabateeruun, «Unkuruurri midhaan muka woyni'ii waan bilchaateeruuf, haantuu teetiin unkuruura midhaan muka woyni'ii, muka woynii lafa irraa muriitii wolitti qabi» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye.
REV 14:19 Ergamaan Waaqaa sunille, haantuu ifii lafa irra wolaasee, unkuruura midhaan muka woynii lafaa mara muree, addee midhaan woynii mufii Waaqaa guddo'oon itti cunfantutti qolaanse.
REV 14:20 Woyniin sunille qacha'aan alatti addee woyniin itti cunfantutti cunfante; dhiigi haga lugaama fardaa ol dheeratuu addee woyniin itti cunfantu san keessaa bayee, haga kiiloo meetira dhibba sadii lola'e.
REV 15:1 Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabatteertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane.
REV 15:2 Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee,
REV 15:3 faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee, «Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, hujiin teeti guddo'oo fi baasa! Ati mootii gosa biyya adda addaa, karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a!
REV 15:4 Gootta'a! Nami si hin sodaanne, ka maqaa keetille hin guddinne eennu? Si calla'attuu woyyicha; hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef, gosi biyya adda addaa mara dhufee, si'iif hin sagada» jedhane.
REV 15:5 Kanaan duuballe'etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname;
REV 15:6 ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabatteertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran.
REV 15:7 Achiin duuba dada lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi'ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne.
REV 15:8 Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.
REV 16:1 Achiin duuba Galma Waaqaa keessaa, qoonqoon guddoon ergantoota Waaqaa torbaaniin, «Dhaqa'aatii, qorii mufii Waaqaa torba lafatti gadi naqa'a!» jettuun ani dhage'e.
REV 16:2 Ergamaan Waaqaa ka qaraa dhaqee qorii ifii lafatti gadi naqe; worra beessisa bineensaa ifi irratti qabuu fi worra fakki'iif sagade irratti madaan hantuun farrisiittu baate.
REV 16:3 Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oo, qorii ifii abbaayaa irratti gadi naqe; abbaayaan guddoon sunille akka dhiiga nama du'ee teete; wonni lubbuu qabanu ka abbaayaa san keessa le'anu mara du'ane.
REV 16:4 Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oo qorii ifii lagaa fi madda bisaanii irratti gadi naqe; isaaniille dhiiga te'ane.
REV 16:5 Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka bisaan irratti baallii qabu dubbatuun dhage'e; inni, «Ee, Woyyicha, ka amma jirtuu fi durille jirtu, waan akkas murteef, ati sirri'i;
REV 16:6 isaan dhiiga woyyootaatii fi raagotaa dhangalaasaneeran; atille akka isaan dhiiga unanu gooteerta; kun waan isaaniif male!» jedhe.
REV 16:7 Qoonqoon takkalle addee ciincaan itti ciinceffamu irraa, «Ee, Goottaa Waaqa waan mara dandeettu, muraan teeti dhuga'aa fi sirri'i» jettuun dhage'e.
REV 16:8 Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oolle, qorii ifii aduu irratti gadi naqe; aduulle ibidda ifiitiin akka namoota woxaltuuf baalliin kennanteef.
REV 16:9 Isaanille finiina hama'aan woxalamane; isaan maqaa Waaqa balaa kana mara irratti baallii qabuu abaarane malee, cubbuu irraa hin deebine, ulfinnalle isaaf hin kennine.
REV 16:10 Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oolle, qorii ifii barcumaa mootummaa bineensaa irratti gadi naqe; mootummaan bineensaalle dukkanaan liqinfante; namootille farra irraa ta kaateen arraba ifii cicciniinane.
REV 16:11 Farraa fi madaa ifii irraa ta kaateen Waaqa ol-gubba'aa abaarane malee, hujii ifii hantuu irraa hin deebine.
REV 16:12 Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oolle, qorii ifii laga Efraaxiisii guddicha irratti gad naqe; mootota gara aduun baatuu dhufanuuf, akka karaan qophowuuf bisaan lagaa sun goge.
REV 16:13 Achiin duuba afaan jawwe'ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sad ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge.
REV 16:14 Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande'uutitti lola te'uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan.
REV 16:15 «Kunoo, ani akka hattu'uu yennaa hin beekkanne dhufa! Nami akka qullaa hin teenee fi akka nafi fokkoo isaa hin mudhanneef, dammaqee, woyaa ifii eeggatu ka badhaadhe!»
REV 16:16 Ayyaanoti hamooti sun mootota san addee afaan Ibrootaatiin, «Armaagedoon» jedhantutti wolitti qabane.
REV 16:17 Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo qorii ifii qilleensa irratti gadi naqe; barcumaa mootumma'aa ka Galma Waaqaa keessa jiru irraa, qoonqoon guddoon, «Muummotte» jettu baate.
REV 16:18 Achiin duuba balaqqeettiin balaqqitte, huuruun dhage'ante, mandiisuun mandiite, lattille akka malee tachoote; haga nami lafa irratti dadameen jalqabee tacho'i lafaa guddaan akkasii te'ee hin beeku.
REV 16:19 Qachaan akka malee gudddaan sun addee saditti gargar baye; qachaan guddaan gosa biyya adda addaalle diigame. Waaqi Baabilon guddoo qaabatee, muduunuu daadhii woyni'ii ta mufii jaddu'uun guutante keessaa akka untu tolche.
REV 16:20 Oddoolli marti baqatane; gaarotille dhabamane.
REV 16:21 Dhakaan bokkeyaa gugurdaan, ka tokkoon tokkoon isaa gara kiiloogiraama afurtamii shanii ulfaatu, gubba'aa gad namoota irra bubbu'e; balaan sun farrisiisaa waan te'eef, balaa dhakaa bokkeyaa saniin ta kaate, namooti Waaqa abaarane.
REV 17:1 Ergantoota Waaqaa torba ta muduunuu torba qaddu keessaa tokkochi dhufee anaan, «Koy, muraa sagaagaltittii gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teeteertuu sitti mudhisa.
REV 17:2 Moototi lafa tanaa isii woliin sagaagalteerti; worri lafa irra le'ulle daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'iitiin machoweera» jedhe.
REV 17:3 Achiin duuba ergamaan Waaqaa sun gara lafa goomole'ee Ayyaanaan na geesse; achille'etti dubartiin takka, bineensa diimaa ka nafi isaa duudiin maqoota faansho'ootiin guutameeru, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabu irra teeteertuun dhagge.
REV 17:4 Dubartittiin sun woyaa dhiille'ee fi diintuu uffattee, worqii, dooqaa fi dhakaa gatii guddo'oo naqattee, ifi seefatteerti; harkalle'etti muduunuu worqi'iin hujante, ta waan diqachiisuu fi battii sagaagala isi'iitiin guutanteertu qaddiiyyu.
REV 17:5 Maqaan dhossa'aa ka, «Baabilonii guddittii, haadha sagaagaltootaatii fi battoota lafaa» jedhu adda isi'ii irratti barreeffameera.
REV 17:6 Dubartittiin sunille, dhiiga woyyootaatii fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiitiin machootteertuun dhagge; ani yennaa isii dhagge akka malee baaseffadhe.
REV 17:7 Achiin duuba ergamaan Waaqaa, «Maaf baaseffatta? Dhossaa dubartitti'iitii fi bineensa isiin irra teetteertuu, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabuu san, ani sitti hima.
REV 17:8 Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle'ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le'anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi'eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan.
REV 17:9 «Wonni tun qalbii qaruu qaddu barbaaddi; mataan torba sun gaara torba dubartittiin irra teettu; isaan sunille mootota torba.
REV 17:10 Isaan keessaa shan jiganeeran; tokkochi hin jira, ka dhibiin haga ammaa hin dhunne; yennaa dhufu ammoo yennaa diqqoo qofaaf turuu qaba.
REV 17:11 Bineensi duri jiru, ka amma ammoo hin jirre sun, mooticha saddeetesso'oo ti; innille mootota torba san keessaa tokko; gara badi'iille hin deema.
REV 17:12 «Gaafi kudhan ati dhaggite sun, mootota kudhan ta haga ammaa mootummaa hin fudhatin; te'uu malee saatii takka'aaf, bineensa san woliin mootota te'anee mowiisaaf baallii hin fudhatan.
REV 17:13 Isaan yaada tokko qaban; hunna ifiitii fi baallii ifii bineensa saniif hin kennan.
REV 17:14 Isaan Hoolicha hin lolan; Hoolichi ammoo Goottaa goottotaatii fi mootii moototaa waan te'eef, isaan hin mowata. Worri isa woliin jiru, worri waamame, worri filamee fi worri addatamelle isa woliin hin mowata» jedhe.
REV 17:15 Ergamaan Waaqaalle anaan, «Bisaan hedduun sagaagaltittiin irra teetteertuun ati dhaggite sun kolbaa hedduu, namoota bindillaa, gosa biyya adda addaatii fi afaan adda addaa ti.
REV 17:16 Bineensii fi gaafi kudhan ati dhaggite sun sagaagaltittii san hin jibban; isaan isii onsanee qullaa lakkisan; foon isi'ii hin nyaatan, ibiddalle'een isii hin guban.
REV 17:17 Haga Jechi Waaqaa muummowu, karoora isaa akka muummessanuu fi yaada tokko te'anee baallii ifii bineensa saniif akka kennanuuf, ka yaada kana gadhaa isaanii keessa keye Waaqa.
REV 17:18 Dubartittiin ati dhaggite sunille, qachaa akka malee guddaa te'e ka mootota lafaa irratti mootomu» jedhe.
REV 18:1 Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka baallii guddoo qabu ka dhibiin ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge; calalaqa ulfinna isaatiin ta kaate latti itte.
REV 18:2 Innille qoonqoo guddo'oon iyyee: «Baabiloniin guddittiin jidde! Jidde! Isiin mana durriisotaa, addee ayyaanni battichi mara itti baqatu, addee sinbirreen battitti'ii fi diqachiittu marti itti qubatu teete!
REV 18:3 Gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii waan unteertuuf, moototi lafa irraa isii woliin sagaagalaneeran; daddaltooti lafa irraalle qananummaa hunna isi'iitiin ta kaate duroomaneeran» jedhe.
REV 18:4 Achiin duuba qoonqoo dhibii ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille: « ‹Kolbaa tiyya! Cubbuu isi'ii keessaa akka harka hin qabaanne, balaa isi'iille akka hin qoodanne, isii keessaa baya'a!
REV 18:5 Cubbuun isi'ii haga ol-gubba'aa waan tuulanteertuuf, Waaqi yakkaa isi'ii qaabateera.
REV 18:6 Haga isiin isinii kennite, deebisa'aatii kenna'aaf, waan isiin gootelle'eef dachaa lama deebisa'aatii godha'aaf! Muduunuu isiin itti bulbultetti, harka lama xiyya godha'aatii bulbula'aaf!
REV 18:7 Qixxee isiin ulfinna ifiif kennitee, qanannumma'aan leete, farraa fi gadda kenna'aaf. Isiin gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Ani mootittii te'eera; ani haadha hiyyeessaatii moti; ijjumaa hin gaddu› ifiin jetti.
REV 18:8 Tanaaf balaan isi'ii hedduun: duuti, gaddaa fi beelti, guyyuma tokkotti itti hin dhufan. Waaqi Goottaan isi'itti muru hunnaamessa waan te'eef isiin ibiddaan hin gubanti.
REV 18:9 «Moototi lafa irraa ta isii woliin sagaagaltee fi qananumma'aan leete, aara yennaa isiin gubattu aaru yennaa dhaggane, isi'iif waacifanee bowan.
REV 18:10 Farra isi'ii kanalle sodaatanee, fagoo dhaabbatanee, ‹Qachaa gudda'a, si'iif aanne'e! Aanne'e! Qachaa Baabilonii hunnaamessa, muraan teeti saatii takkaa keessatti dhutteerti› jedhan.
REV 18:11 «Nami haganaa achi fe'iisa isaanii bitatu waan hin jirreef, daddaltooti lafaalle isi'iif waacifanee bowan.
REV 18:12 Fe'iis sunille: Worqii, meetii, dhakaa gatii guddo'oo, dooqa, woyaa miila talba'aa irraa hujante, woyaa dhiillee, woyaa haarri'ii, woyaa diintuu, muka uddowu mara, waan ilka arbaa irraa, muka gatii guddo'oo irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa fi waan dhakaa adii irraa hujame mara,
REV 18:13 qarafaa, qimamii, hixaana, qumbii, uddowaa iffataa, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, bullaa, qamadii, loon, hoolee, fardoo, garreettota fardaan harkifamanu, garboole'ee fi namoota.
REV 18:14 «Daldaltootille isi'iin, ‹Wonni dansaan ati halchite si irraa bayyatteerti; durumma'aa fi ulfinni keeti mara badeera; deebi'eelle hin dhufu› jedhan.
REV 18:15 Daddaltooti waan kana gurgurataa isi'iin duroomane farra isi'ii sodaatanee fagoo dhaabbatan; waacifaa bowaa,
REV 18:16 qoonqoo guddo'oon iyyaa: « ‹Qachaa guddicha, woyaa quncee talba'aa irraa hujante, woyaa dhiille'ee fi diintuu uffataa tureef, ka worqi'ii fi dhakaa gatii gudda'aa, dooqalle naqataa tureef aanne'e! Aanne'e!
REV 18:17 Saatii takkaa keessatti durummaan sun duudiin badde!› hin jedhan. « ‹Worri hoboloo guddittii ajaju, worri hoboloo gudditti'iin ideemu, worri hoboloo guddittii keessa huju, worri abbaayaa irratti daddaliisaan le'anu duudiin irraa fagaatanee hin dhaabbatan.
REV 18:18 Qachaan kun gubatuun aara bawu yennaa dhaggane, «Qachaan guddaan qachaa kana fakkaatu ka biraa hin jiraayyuu?» jedhan.
REV 18:19 Bukuu mataa ifii irratti firfirsanee, waacifaa bowaa, « ‹Qachaan guddichi ka worri abbaayaa irratti hoboloo guddittii qabanu duudiin, karra isaatiin duroomane, saatii takkaa keessatti waan badeef aanne'e! Aanne'e!› jedhaa iyyan.
REV 18:20 « ‹Ol-gubba'a, badii qachaa kanaatitti gammadi! Waan Waaqi marroo teessaniif itti mureef, isin kolbaan Waaqaa, ergantootii fi raagoti, gammada'a!› jette» ta jettu.
REV 18:21 Kanaan duuba ergamaan Waaqaa jabaan tokko dhakaa akka dhakaa daaku'uu guddaa tokko fuudhee abbaaya'atti darbee: «Qachaan Baabilonii guddichi akkas hunnaan qolaanfamee, gad darbama, deebi'eelle hin dhaggamu!
REV 18:22 Qoonqoon worra kiraara guddicha dhowuu, qoonqoon worra weeddisuu, ka worra susulle'ee fi tultullaa afuufuu, deebitee si keessatti hin dhage'antu. Ogeeyyiin hujii adda addaa hujju, deebitee si keessatti hin dhaggantu. Qoonqoon dhakaa daaku'uulle, deebitee si keessatti hin dhage'antu.
REV 18:23 Ifi issa'aa, deebi'ee si keessatti hin ifu. Qoonqoon waajibichaatii fi waajibitti'ii, deebitee si keessatti hin dhage'antu. Daddaltooti keeti namoota gugurdoota biyya lafaa ti. Ati xanoo teetiin kolbaa duudii dokonkorsiteerta.
REV 18:24 Dhiigi raagotaatii fi kolbaa Waaqaa, ka worra lafa irratti ijjeefamee duudiin, qachaa Baabilonii keessatti dhaggameera» jette.
REV 19:1 Kanaan duuba qoonqoo, qoonqoo kolbaa bindilla'aa fakkaattu, qoonqoo guddoo ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille, «Halle luuyyaa! Fayyisiis, ulfinnii fi hunni ta Waaqa keennaa ti!
REV 19:2 Muraan isaa dhuga'aa fi sirrii waan teeteef, inni sagaagaltuu guddittii sagaagalummaa ifiitiin lafa balleessite sanitti mureera; dhiiga tajaajiltoota ifii ta isiin dhangalaattelle baaseera» ta jettu.
REV 19:3 Ammalle itti dabalanee, «Halle luuyyaa! Aarri qachaa gubatu sanii, bara baraa haga bara baraa ol ka'a» jedhane.
REV 19:4 Maanguddooti diddamii afurii fi dadi lubbuu qaddu arfan gadi lafatti jiganee, Waaqa barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeruuf sagadanee, «Ameen, halle luuyyaa!» jedhane.
REV 19:5 Qoonqoon takka barcumaa mootumma'aa biraa baatee, «Isin tajaajiltooti isaa marti, isin worri isa sodaattanu, diqqa'aa fi guddaan, Waaqa keenna leellisa'a!» jette.
REV 19:6 Kanaan duuballe waan akka qoonqoo kolbaa bindilla'aa, ta akka shookkessa bisaan yaa'uutii fi gikkeessa mandiisuu jaddu'uu fakkaattu takka dhage'e, isiille, «Halle luuyyaa! Goottaan keenna Waaqi, ka waan mara dande'u mooti'i.
REV 19:7 Guyyaan jila fuudha Hoolichaa waan geyee fi waajibittiin isaalle waan ifi qopheeffatteef, kowa'a gammannee ilillinnaa! Ulfinnalle isaaf kennina!
REV 19:8 Woyaan quncee talba'aa irraa hujante, ta calalaxxuu fi qulqullittiin, akka isiin uffattuuf isi'ii kennante» ta jettu; woyaan quncee talba'aa irraa hujante sunille hujii balchittii kolbaa Waaqaa ti.
REV 19:9 Ergamaan Waaqaa sun anaan, « ‹Worri gara jila fuudha Hoolichaa waamame worra badhaadhe› jedhii barreessi» jedhe. Itti aanseelle, «Kun jecha Waaqaa dhugicha» naan jedhe.
REV 19:10 Anille isaaf sagadiisaaf miila isaatitti jige; inni ammoo, «Lakkisi! Tana hin godhin! Anille, si'ii fi obboleeyyan teeti ta dhugaa baya Yesuusii fudhatte woliin tajaajila'a; dhugaa bayi Yesuusii Ayyaana raagaa waan te'eef, Waaqaaf sagadi» naan jedhe.
REV 19:11 Achiin duuba ol-gubbaan banantee, fardi adiin tokkolle achi jiruun dhagge. Farda san irralle, «Addatama'aa fi dhugaamessa» ka jedhamu tee'eeraayyu; inni balchumma'aan mura, hin lolalle'e.
REV 19:12 Ilti isaa akka bobe'a ibiddaa ti; mataa ifii irralle'etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera.
REV 19:13 Inni woyaa dhiiga keessa cuuphanteertu uffateera; maqaan isaalle Jecha Waaqaa ti.
REV 19:14 Loltooti ol-gubba'aa woyaa quncee talba'aa irraa hujante adi'ii fi qulqullittii uffatanee, fardoo adaadii irra tetee'anee isa gula deemiisatti jiraniiyyu.
REV 19:15 Shallaagaan qara qabu ka inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baye; ulee bokku'uu ta sibiilaatiille'een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni'ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande'uu itti cunfantu hin dhiita.
REV 19:16 Woya'aa fi gudeeda isaa irratti maqaan, «Mootii moototaatii fi Goottaa goottotaa» jedhu barreeffameera.
REV 19:17 Achiin duuba ergamaan Waaqaa tokko aduu keessa dhaabbateeruun dhagge. Innille allaattota wodhakkaa gubba'aa keessa koolaan kaatu mara qoonqoo guddo'oon waamee, «Kowa'a, irbaata guddaa Waaqi isinii qopheesseef wolitti qabama'a!
REV 19:18 Foon moototaa, foon abbootii duula, foon hunnaameyyi'ii, foon fardo'ootii fi worra fardoo irra tee'uu, akkasuma foon nama maraa, ka garbaatii fi ka garba hin te'inii, ka diqqa'aatii fi gudda'aa kowa'aatii nyaadha'a!» jedhe.
REV 19:19 Achiin duuba bineensii fi moototi lafa irraa loltoota ifii woliin, ka farda irra tee'eeruu fi loltoota isaa loliisaaf wolitti qabamaneeranuun dhagge.
REV 19:20 Bineensi sun ammoo qabame; raagichi dharaamessi fuula isaa duratti bilbaasota godhaa ture sunille isa woliin qabame. Inni, worra beessisa bineensaa ifi irraa qabuu fi worra fakkii isaatiif sagade, bilbaasota kanaan dokonkorse. Lamaanuu, akkuma lubbu'uun jiranuun abbaayaa dhakaa bobe'uun gubattutti qolaanfamane.
REV 19:21 Worri hafanelle, shallaagaa afaan ka farda irra tee'eeruu keessaa bayuun ijjeefamane; allaattiin sun marti foon isaanii nyaattee quutte.
REV 20:1 Achiin duuba ergamaan Waaqaa dhibiin, ka furtuu boolla qile'eetii fi wodaroo sibiilaa harkaa qabu tokko ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge.
REV 20:2 Inni jawwee qabee woggaa kumaaf hidhe; jawween tun ta Diyaabiloos yookiin Seexana jedhantu, dhudhuufaa durii ti.
REV 20:3 Haga woggaan kum tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile'etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhowe. Achiin duuba yennaa diqqo'oof hiikamuu qaddi.
REV 20:4 Kanaan duuba barcumoota mootumma'aa dhagge; barcumoota mootumma'aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee'eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du'aa ka'anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mowan.
REV 20:5 Worri du'e ka hafe ammoo, haga woggaan kum tokko sun muummotutti du'aa hin kaane. Kun du'aa ka'a qaraa ti.
REV 20:6 Worri du'aa ka'a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu'u. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te'an; isa wolille'een woggaa kuma tokkoof mowan.
REV 20:7 Yennaa woggaan kum tokko sun muummotte, Seexanni addee itti hidhame sanii hin hiikama;
REV 20:8 gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaaya'aa ti.
REV 20:9 Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaalatame marsane; te'uu malee ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee isaan nyaate.
REV 20:10 Seexanni isaan dokonkorselle, addee bineensii fi raagichi dharaamessi jiranu, abbaayaa ibiddaa fi dhakaa bobe'uutitti qolaanfame. Isaaniille halkanii fi guyyaa, bara baraa haga bara baraa farran.
REV 20:11 Achiin duuba barcumaa mootumma'aa adi'ii fi ka isa irra te'eeru dhagge. Ol-gubba'aa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne.
REV 20:12 Worri du'e diqqa'aa fi guddaan, barcumaa mootumma'aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru'uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du'etti akkuma hujii isaaniititti murame.
REV 20:13 Abbaayaan guddoolle worra du'e ka isii keessa jiru kennite; du'aa fi addeen worri du'e jiru worra du'ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame.
REV 20:14 Achiin duuba du'aa fi addeen worri du'e jiru abbaayaa ibiddaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du'a lammeesso'oo ti.
REV 20:15 Nami maqaan isaa kitaaba jiru'uu keessatti bareeffamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame.
REV 21:1 Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu.
REV 21:2 Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophoottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge.
REV 21:3 Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage'e; isiin barcumaa mootumma'aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba'aa jira; kolbaa wolille'een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te'an. Waaqinuu isaan woliin le'a; Waaqa isaaniille te'a.
REV 21:4 Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
REV 21:5 Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, «Kunoo, ani waan mara haareya godha!» jedhe; itti dabaleelle, «Jechi kun addatama'aa fi dhugaa waan te'eef barreessi» naan jedhe.
REV 21:6 Akkasuma, «Muummotte! Alfa'aa fi Omeegaan, jalqabaa fi muummeen ana; ka dheeboteef madda bisaan jiru'uu irraa toluma kenna.
REV 21:7 Ka injifatu, kana duudii hin dhaala; anille Waaqa isaaf te'a, innille ilma naaf te'e.
REV 21:8 Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeesuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaameyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti» naan jedhe.
REV 21:9 Ergantoota Waaqaa torba, ta qorii torba ta balaa muumme'ee torbaan guutanteertu harkatti qabataneeranu keessaa tokkochi dhufee, «Koy; haadha manaa ta Hoolichaa, waajibittii sitti mudhisa» naan jedhe.
REV 21:10 Ayyaanalle'een gara gaara gudda'aa fi dheera'aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu'uun natti mudhise.
REV 21:11 Qachaan sun ulfinna Waaqaatiin ifiisatti jiraayyu; calalaqi isaalle akka dhakaa gatii guddo'oo, akka Yaasphisii, qulqulluu akka cabbi'ii ti.
REV 21:12 Dalleya dhaka'aa gudda'aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa'elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera.
REV 21:13 Karaa aduun baatuun karra sad, karaa oliitiin karra sad, karaa gadiitiin karra sad, karaa aduun seentuun karra saditti jira.
REV 21:14 Dalleenni dhaka'aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle'etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera.
REV 21:15 Ergamaan Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru sun mikii ulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu.
REV 21:16 Dheerinnii fi badhinni qachaa sanii haguma tokko te'ee, maddii arfaniinuu wol qixxe'e; ergamaan Waaqaa qachaa san ulee ittiin mikanuun mikee, dheerinni isaa staadiyaa kuma kudhanii lama te'e; badhinnaa fi ol dheerinni isaalle haguma san te'e.
REV 21:17 Ergamaan Waaqaa dalleya dhaka'aa san mike; yennaa ergamaan Waaqaa mike, waan ittiin mikanu ka beekkameen ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur te'e.
REV 21:18 Dalleenni dhaka'aa sun dhakaa Yaasphisiitiin hujameera; qachaan sunille worqii qulloontee akka daaw'iti'ii ca'a jetteen hujameera.
REV 21:19 Hundeen dalleya qacha'aa dhakaa gatii guddo'oo ka adda addaatiin seefameera. Dhakaan gatii guddo'oo ka hundeen irra dhaabbate sunille: ka qaraa Yaasphis, ka lammeesso'oo Safiiros, ka sadeesso'oo Kaalqedon, ka arfeesso'oo Simaaragidos,
REV 21:20 ka shaneesso'oo sardoniikis, ka jayeesso'oo saardiyon, ka torbeesso'oo kirisoliixos, ka saddeetesso'oo beerilos, ka sagaleesso'oo tophaaziyon, ka kudhaneesso'oo kirisophiraasos, ka kudha tokkeesso'oo Hiiyaakinxos, ka kudha lammeesso'oo ametiisxos.
REV 21:21 Karri kudha lamaanuu dooqa kudha lama qaddi; karri sunille tokko tokkonuu dooqa irraa hujameera; karaan qachaa sanii worqii qulqulluu akka daaw'itii ifa ifi keessa dabarsituutiin hujameera.
REV 21:22 Waaqi Goottaan waan mara dande'uu fi Hoolichi Galma Waaqaa ka qachaa sanii waan te'aneef, qachaa san keessatti Galma Waaqaa ani hin dhaggine.
REV 21:23 Ulfinni Waaqaa, qachaa saniif ifa waan kennuu fi Hoolichille ifa isaa waan te'eef, qachaa saniif aduun yookiin jiin akka issuuf hin barbaachisu.
REV 21:24 Gosi biyya adda addaa ifa qachaa sanii keessa deddeeman; moototi lafaalle karra ifii ta ulfinnaa gara qachaa sanii fidan.
REV 21:25 Halkan achi waan hin jirreef, karri qachaa sanii guyyaa tokkolle hin cufantu.
REV 21:26 Ulfinnii fi guddinni gosa biyya adda addaa gara qachaa kanaa galan.
REV 21:27 Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu.
REV 22:1 Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru'uu, ka akka cabbi'ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa'uun natti mudhise.
REV 22:2 Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola'iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru'uu jira; muki kun wogga'atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji'uma ji'aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu.
REV 22:3 Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan.
REV 22:4 Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata.
REV 22:5 Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te'uuf, ifi issa'aa, yookiin ifi adu'uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mowan.
REV 22:6 Ergamaan Waaqaalle, «Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi'i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiko'otti te'u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera» anaan jedhe.
REV 22:7 Yesuusille, «Kunoo, ani dafee hin dhufa; nami jecha raagaa, ka kitaaba kanaa eeggatu, ka badhaadhe» jedhe.
REV 22:8 Ka waan kana dhage'ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage'e, ergamaa Waaqaa ka waan kana natti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige.
REV 22:9 Inni ammoo, «Lakkii! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si'ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila'a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe.
REV 22:10 Itti dabaleelle, «Yennaan waan geetteertuuf, jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa chaappa'aan hin cufin.
REV 22:11 Ka hantuu huju, ittuma hujuu ti; battichille ittuma battowuu ti; balchaalle ittuma balchoomuu ti; woyyichille ittuma woyyoomuu ti» jedhe.
REV 22:12 «Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera.
REV 22:13 Alfa'aa fi Omeegaan, ka duraatii fi ka duubaa, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ana.»
REV 22:14 Muka jiru'uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqa qabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe.
REV 22:15 Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaalatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa.
REV 22:16 «Akka dhugaa baya tana isiniif kennuuf, ani Yesuus ergamaa kiyya wolde'oota kiristaanaatiif ergeera; ani hiddaa fi sanyii Daawitii ti; ani bakkalcha bari'ii ifaalessa.»
REV 22:17 Ayyaanaa fi waajibittiin, «Koy» jedhan; ka dhage'ulle, «Koy» jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru'uu toluma fudhatuu ti.
REV 22:18 Ani nama jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa dhage'u mara ifi eeggachiisa; eennulle jecha kana irratti waan tokkolle yoo ede'e, Waaqi balaa Kitaaba kana keessatti barreeffame isatti ede'a;
REV 22:19 eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru'uutii fi qachaa woyyicha kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa.
REV 22:20 Ka waan kana dhugaa bawu, «Ee, dafee hin dhufa» jedha. Ameen! Goottaa Yesuus, koy.
REV 22:21 Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!
