﻿Ergaa Pheexroos Erge Ta Lammeesso'oo.
1.
Ana Simoon Pheexroosii, tajaajila'aa fi ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa: Worra karaa balchummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, dhugeeffannaa gatii guddo'oo, tama akka nuuti dhaggannee dhaggattaneef: 
Waaqaa fi Goottaa Keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, badhaadhaa fi nageenni isiniif fakkanu. 
Waaqa ulfinnaa fi dansummaa ifiitiin nu waame beekiisaan, hunni Waaqummaa isaa, waan jiruu teennaa fi ayyaantummaa dhuga'aatiif nuu barbaachisu duudii kenniteerti. 
Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda'aatii fi ka gatii gudda'aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu'uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma'aa worra qoodamu teetaneertan. 
Sababa kanaaf, dhugeeffannaa irratti dansummaan akka dabalantu, dansummaa irratti beekkumsa, 
beekkumsa irratti ifi qabatiisa, ifi qabatiisa irratti ciniinnatanee ossiisa, ciniinnatanee ossiisa irratti nama Waaqaa te'iisa, 
nama Waaqaa te'iisa irratti, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa irratti jaalala nama maraa qabaadha'a. 
Wonni kun isin keessa jiraattee heddataa yoo deente, Goottaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, akka isin worra woy hin baanee fi midhaan hin buunne akka hin teene isin hin eega. 
Nami waan kana hin qanne ammoo, nama fagoo hin dhagginee fi balla'a; inni cubbuu durii irraa qulloomuu ifii dedheera. 
Tanaaf obboleeyyan tiyya! Waamamiisaa fi filamiisa keessan mirkaneessiisaaf, worra caalchittanee dharraatanu te'a'a; tana yoo gootane dhugeeffannaa teessan irraa ijjumaa hin jiddanu. 
Akka kanaan, gara mootummaa Goottaa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta bara baraatitti akka galtanu middi guutuun isiniif hin kennama. 
Maarre isin amma waan kana beettanee, dhugaa qabattaneen jabaattanee jiraattanulle, ani yennaa maraa waan kana isin yaadachisiisa hin lakkisu. 
Ani haga jiruu keessummumma'aa tanaan jiru, yaada keessan dammassuun kiyya sirrii te'ee natti mudhata. 
Sababille Goottaan keenna Yesuus Kiristoos akka natti mudhisetti jiruu lafa tanaa dafee lakkisee akka deemu hin beeka. 
Ani deemeen duubale'etti, waan kana duudii akka isin yennaa mara qaabattanu godhu'uuf hin jabaadha. 
Nuuti hunnaa fi deebi'ee dhufiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii yennaa isinitti beessinne, guddinna isaa iluma teennaan dhaggineeti malee, mammaassa beekkumsa namaatiin dadame irratti hundoonneetii moti. 
Inni qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, ani isatti guddoo gammadeera» jettu ulfinna gudda'aan yennaa dhutte, Waaqa Abbaa irraa guddinnaa fi ulfinna fudhateera. 
Yennaa isa woliin gaara woyyicha gubbaa jirru, nuutinuu qoonqoon tun ol-gubbaa irraa dhuttuun dhageenneerra. 
Maarre dubbiin raagoti dubbatane irra caalaa nuu mirkanootteerti. Isin haga boruun dayya'ee bakkalchi ganamaa gadhaa keessan keessatti bawutti, dubbii tana akka ifa addee dukkanaatitti ifuuf xiyyeeffannaa kennitanu, dubbii raagoti dubbatte tanaaf yoo xiyyeeffannaa kennitane dansaa gootan. 
Waan duudi'iin dura, dubbii raagaa ta Barreeffama Woyyicha keessa jirtu, eennulle yaada ifiitiin hiikiisaaf akka hin dandeenne hubatuu qaddan. 
Sababille dubbiin raagaa worra Ayyaana Woyyichaan sooreffameen Waaqa irraa dhutte malee, ijjumaa fedha namaatiin hin dhunne. 
